Duuba akkanaan Abrahaamii fi Daawit jidduu dhalootii kudhanii afuriitti jira, ammallee kudhanii afurii dhibiitti Daawitii fi ganna gosa Israa'el booji'anii lafa Baabilon geessan jidduu jira, akkasuma ammallee dhalootii kudhanii afurii gaafasii fi dhaloota Kiristoo jidduu jira. Dhalootii Yesus Kiristoo akkana, Yoseef haadha isaa Maariyam kadhatee, adoo warrii dhiirsaa fi niitii hinta'in, isii Hafuura Qulqulloon garaachoofte argan. Yoseefiin, isii kadhate sun, nama dansaa isii ceersuu hinfeenee, ammoo dhossaan lakkisuu fedhe. Adoo innii waan kana herreguu, ergamaan Aabboo oobjuun isatti mullatee, “Yoseef, ilma Daawati, garaachii isiin qabdu kunin ka Hafuura Qulqullootii Maariyam fuudhuu hinsodaatin. Isiin ilma deetti, duuba atin maqaa isaa Yesus baas, maaliif innii gumii ufii cufa cubbuu keessaa baasa” jedheen. Wantii kunin cuftii akka wantii Aabboon afaan raagatiin, “Ilaalaa, intaltii dubraa garaachoofteetti ilma deettii, maqaa isa Amaanu'el baasan” jedhee dubbate guutamtuuf taate. Akkas jechuun Waaqii nu waliin jira jechuu. Yoseef hirriiba dammaqee waan ergamaan Aabboo jedheen tolchee, Maariyam fuudhe. Haga isiin ilma hinda'in ammoo niitii hintolfanne. Jennaan mucaan dhalannaan Yoseef maqaa isaa Yesus baase. Waan kana dhageennaan, Herodisii fi namii Yerusaalem cuftii rifate. Innii qaallolee gugurdoo fi jara seera beeku walti yaamee fulaa silaa Kiristoon itti dhalatu gaafate. Warrii, “Dira Betlihem ka lafa Yihudaa keessa jiru, raagii barreessee, ‘Ee'ee Betlihem, ta lafa Yihudaa keessaa, atin hayyoota Yihudaa keessaa maandhaanittii, si keessaa nama gosa tiyya Israa'el bulchutti ba'a’ ” jedhe. Jennaan Herodis jara ilaboruutii dhufe kaan dhossaan walti yaamee, yo urjiin mullatte irraa hubate. Gara Betlihem warra ergee, “Beenaa, gurba akka dansaa barbaadaa, yo agartan qoonqoo natti ergaa, akka anilleen dhaqee isa ulfeessu” jedhe. Jecha Hayyuu kaan dhageennaan warri yaasumaa karaatti dacha'e, urjiin warrii ilaboruutti arge taan warruma dura deemtee qajeelchitee fulaa gurbaan jiru gubbatti ejjite. Urjii arginaan guddoo gammadanii qiliixaman. Mana duudanii gurbaa fi Maariyam haadha isaa arginaan, isa duratti jiganii isaa sagadanii, subba ufii bananii warqii, hixaanaa fi qumbii kennaaniif. Oobjuuni Waaqii, “Herodisitti hindacha'inaa” warraan jennaan ka'anii, karaa dhibiin lafa ufiitti galan. Eegii warrii yaa'e, ergamaan Aabboo Waaqaa oobjuun Yoseefiitti dhufee, “Herodis gurbaa barbaadee ijjeessuu fedhaa, ka'ii, gurbaa fi haadha fuudhii lafa Gibxii dhaqii, haga anin sitti himuutti achuma taa'i” jedheen. Jennaan Yoseef haadhaa fi gurbaallee fuudhee ka'ee halkaniin lafa Gibxiitti baqate. Haga Herodis hindu'in cufaa achi taa'e. Wantii kunin akkuma dubbii durii Aabboon afaan raagatiin himee taate, akka qoonqoon, “Anin lafa Gibxii keessaa ilma kiyya ya yaame” jettu guutamtuuf. Herodis akka jarii ilaboruutii dhufe kaan isa sobe arginaan guddoo dallanee, waan ganna daa'imaa jara ilaboruutii dhufe kaan irraa hubateef nama ergee, “Ijoollee dhiiraa ta Betlihem keessa jirtuu fi ta reera sun keessaa, ta ganna lamaa asii cufa fixaa” jedhe. Duuba akkanaan wantii raagii Ermiyas, “Qoonqoo laaleeffachaa fi boo'a guddoo, Raama keessatti dhaga'an; Raahel ilmaan ufiitii boottee, waan isiin cufa raawwatteef irraa hafuu dadhabde” jedhe kaan cuftii guutamtee. Eegii Herodis du'e, ergamaan Aabboo lafa Gibxii keessatti oobjuun Yosefiitti mullatee, “Ka'ii, gurbaa fi haadha fuudhii, lafa Isra'elitti gali; warrii gurbaa ijjeessuu fedhe namuu ya dhumee” jedheen. Jennaan Yosef ka'ee gurbaa fi haadha fuudhee lafa Israa'elitti gale. Ammoo Yoseef akka Arkelaawos fulaa abbaa ufii Herodis lafa Yihudaa fidu dhageennaan achi dhaquu sodaate. Oobjuun itti himnaan gara lafa Galiilaa gore, deemee, dira Naazireeti jedhanitti qubatee, akka wantii durii raagootii isaan, “Nama Naaziretii” jedhan jettu guutamtu. Bara sun Yoh. aannisiin nama cuuphuu lafa gammoojjii ta Yihudaa dhufee nama barsiisee, “Mootummaan Waaqaa ya dhi'aattee cubbuu irraa deebi'aa!” jedhe. Raagi Isaayas waan Yoh. aannis dubbatee, “Qoonqoon nama lafa gammoojjii keessaa iyyuu, ‘Karaa Aabboo kurfeessaa, daandii isaa qajeelchaa’ jetti!” jedhe. Yoh. aannis wayaa rifeensa gaalaa irraa midhaasan uyyifatee, gurdaa gogaa hidhatee, awwaanisaa fi damma nyaata. Namii Yerusaalem jiruu, ka Yihudaatii fi ka arddaa Yordanos cuftii gara Yoh. aannis yaa'e. Warrii cubbuu ufii himanaan innii galaana Yordanos keessatti warra cuuphe. Fariisotaa fi Saduqootii hedduun aadaa cuuphamaa fudhachuu dhumnaan, Yoh. aannis warraan, “Isan ilmaan bofaa-buutii, eentu dallansuu hegerii duraa baqadhaa isaniin jedhe? Midhaan cubbuu irraa deebi'uu teessan agarsiisu baasaa. ‘Abbaan keenna Abrahaam’ jettanii waan jalaa baatan ufii hinse'inaa, Waaqii dhakaayyee tana keessaa ilmaan Abrahaam yaasuu danda'aa. Ammumaa Agaraa yayyuu hidda mukaa jala kaa'an; muka midhaan dansaa hinbaamne cufaa muranitti ibidda keessatti jissan. Akka isan cubbuu irraa deebitan, anin bisaaniin isan cuupha; ka faana tiyya dhufu ammoo ka narra jiru, ka anin seemsaa kophee isaallee qabachuu hinmalle. Innii hafuura Qulqulloo fi ibiddaan isan cuupha. Hafareen harka isaa keessa jirti. Oobdii ufii inqulqulleessa, dargaayyee walti qabee kodhootti naqa, qola ammoo ibidda haga jiru hindhaamnetti naqa” jedhe. Jennaan Yesus Galiilaa ba'ee, Yordanos dhufee, akka Yoh. aannis isa cuuphu gara Yoh. aannis dhaqe. Yoh. aannis ammoo isa dhowwuu fedhee, “Atin akkam gara kiyya dhuftee, ‘Na cuuphi’ naan jetta? Ufuufuu sitti na cuuphuu malee” jedhe. Yesus ammoo, “Amma hataatuu, karaa kanaan waan Waaqii fedhu cufaa guunnaa” jedhe. Jennaan Yoh. aannis “Eejedhe” jedheen. Akkuma Yesus cuuphamee bisaan keessaa ba'een, gubbaan Waaqaa isaa banamtee, innii hafuura Waaqaa ka bifa sabaliisaa qabu, ka isa irra taa'u arge. Qoonqoon Waaqaa gubbaa dhuftee, “Kunin ilma kiyya ka anin jaaladhu, innii guddoo na gammachiisa” jette. Jennaan hafuurii, akka sheexanii laallatu Yesus lafa gammoojjii geesse. Innii guyyaa afuratamaatii fi halkan afurtamaa sagalee malee taa'ee jennaan, beela'e. Jennaan sheexanii dhufee, “Atin yo dhuguma ilma Waaqaa taate, dhakaa kanaan, ‘Qixxaa ta'i’ jedhi” jedheen. Yesus ammoo deebisee, “Barreessii qulqulloo keessatti ‘Namii qixxaa callaan hinjiraatu, dubbii afaan Waaqaa keessaa baatu cufaan jiraataa’ waan jedhaa la barreessan” jedheen. Jennaan sheexanii dira Qulqulloo isa geessee, fiixee mana Waaqaa gubbaa isa baasee, “Atin yo dhuguma ilma Waaqaa taate, arma irraa gad ufi dhiis, waan barreessiin, ‘Waaqii ergamtoota ufii sii erga, warrii akka dhakaan miila kankee hindhoomne harka ufiitiin ol si qaba’ jettuuf” jedheen. Yesus deebisee, “Ammallee barreessiin, ‘Aabboo Waaqaa kankee hinlaallatin’ jetti” jedheen. Ammallee sheexanii gaara guddaa tokko isa korsiisee, guddinna lafa cufaatii fi dansooma isii garsiisee, “Yo atin gad jettee naa sagadde waan kana cufaa anin sii kenna” jedheen. Jennaan Yesus, “Sheexana na biraa deem! Barreessiin ‘Aabboo Waaqaa kankee callaa sagadii, isuma callaa Waaqeffadhi!’ jettii” jedhe. Jennaan sheexanii isa lakkissee, ergamtootii dhuftee isa qarqaarte. Akka Yoh. aannis qaban dhageennaan Yesus Galiilaatti deebi'e. Naazireetii ba'ee Qifirnaahom dhaqee dhaattuu galaanaa lafa Zebuloonii fi Niftaalem keessa taa'e. Tulleen akka wantii raagii Isaayaas ta, “Lafa Zebuloonii fi lafa Niftaalem, gara galaana, moggaa Yordanos, Galiilaa ta gosa dhibii! Namii dukana keessa taa'uu ya ibsee guddoo arge; warra gandidduu du'aa keessa tataa'uu ibseen ya itti mullatte” jettu guutamtuuf. Guyyaa sunii jalqabee Yesus, “Mootummaan Waaqaa ya dhi'aattee Cubbuu irraa deebi'aa!” jedhe. Oduu dansaa haasa'e. Adoo Yesus dhaattuu galaana Galiilaa deemuu, obbooleeyyan lama, Simoon ka Phexros jedhanii fi obbooleessa isaa Indriiyas ka xuruuraa qurxummii gaalana keessatti darbachuutti jiru arge; warrii guurtuu qurxummiiti. Innii warra yaamee, “Na gula koottaa! Anin guurtuu namaa isan tolchaa” jedheen. Yoma sun xuruuraa lakkisanii isa gula yaa'an. Yesus artii deemnaan ilmaan Zabdewos ta obbooleeyyanii lamaan, Yaaqoobii fi Yoh. aannis ka abbaa isanii Zabdewos waliin hoboloo keessa tataanii xuruuraa isannii midhaaffatan argee yaamee, jennaan warrii yoma sun hoboloo fi abbaa ufii lakkisee isa gula yaa'e. Yesus lafa Galiilaa cufa keessa dedeemee manneen Waldeennaa keessatti nama barsiisee, oduu dansaa mootummaa Waaqaa himee, dhukkubaa fi dhibee cufaa nama fayyise. Tanaaf gurrii isaa lafa Sooriyaa cufa ga'ee, nama fayyadhaabee gaargale ka dhukkuba gosa gosaa qabu, ka jinnii qabu, ka gaggabduu qabuu fi ka naafateellee cufa ittiin dhufnaanii warra cufa fayyise. Gumiin guddoon dira kudhanii, ta Galiilaa, ta Yerusaalemii lafa Yihudatii fi ta gama Yordanos keessaalleen cuftii kaatee isa gula yaate. Yesus gumii arginaan gaara koree gubbaa taa'e. Jennaan jarii isaa gara isaa dhufee, innii warra barsiisee. “Warri akka jireenna afuuraatiin hiyyeeyyii ta'an garaa keessatti ufi beeku warra badhaadhe; mootummaan Waaqaa ta warraatii! Warrii waan hamtuu laaleffatu ka badhaadhe, Waaqii garaa warraa jabeessaa! Warrii ufi diqqeessu ka badhaadhe, lafa dhaalaa! Warrii qajeelumaa jedhee beela'ee dheebotuu ka badhaadhe, warrii akkanaa inquufaa! Warrii naasuu namaa qabuu ka badhaadhe, warraa ina'anii! Warrii garaa qulqulloo qabuu ka badhaadhe, Waaqaa inargaa! Warrii nagaa tolchu ka badhaadhe, ilmaan Waaqaa jedhaniinii! Warrii dhugaaf gaargalchan ka badhaadhe, mootumaan Waaqaa ta warraatii! Yo namii marroo tiyyaaf dharaan isan arrabsee, himatee, isan gaargalechee, waan hamtuu cufa isaniin jedhee, isan ya badhaatan. Yo sun gammadaa qiliixamaa; gatiin teessan ta gubbaa jirtu waan guddoo, marroo raagoota duriillee akkuma kana gaargalchaniifi” jedheen. Yesus ammalle, “Isan soodda lafaati, soodda yo innii bushaa'e, yo alaatti gadgatanii miilaan irra ejaajjatan malee, maaniin kura itti deebisan? Waan tokkoollee wa hinba'u. Isan ibsee lafaati, dirii gaara gubbaa jiru hinda'atu, Ibsee bobeessanii qorii itti hingombisani, akka namii mana keessa jiru cuftii argu olfannisan” jedeen. “Akkasuma ibseen teessan ha nama duratti ibsituu, akka hujiin teessan dansaan mullattee Abbaa keessan ka gubbaa jiru guddisan” jedheen. Yesus, “Waan anin barsiisa seeraatii fi ka raagaa balleessuu dhufe hinse'inaa. Anin akka balleessuu hindhumnee, akka qixxeesuuf dhufe. Dhugumaa, waan anin isaniin jedhuu, haga lafaa fi gubbaan dabartuutti, haga seerii cuftii guutamuutti cophi seeraa tokkoolleen hindabru. Tanaaf namii seera didiqqaa kana tokko caphsee ammallee akkasuma namaallee barsiisee, mootummaa Waaqaa keessatti maandhaa ta'a. Namii ammoo seera guutee, akkasuma namaallee barsiise, mootummaa Waaqaa keessaalleetti hangafa ta'a. Anin isanitti himaa, yo qajeelummaan teessan ta jara seera beekuutii fi ta Fariisotaa irra hinjirree, dandeettanii mootummaa Waaqaa hinargattan” jedeen. “Akka warra duriitiin ‘Nama hinijjeesinaa, nama nama ijjeesu cufaa fuula warra wa muruu duratti itti muran’ jedhan, ya dhageettan. Ammoo waan anin amma isanitti himuu, namii obbooleessa ufiitti dallanu murtii argachuu male. Nama obbooleessa ufii arrabsu, kora itti baasuu malan; ammallee nama obbooleessa ufii tuffatee, ‘Daallee dabaa!’ jedhuun, ibidda qilee ka barabaraa keessa buusuu malan. Tanaaf yo akka galata Waaqaa galchitu, fulaa sooriyoo itti qalan dhuftee, akka obbooleessii kankee garaa keessa si hinquumne qaabattee, fulaa sooriyoo sunitti, waan galataa baaftu lakkisii qaraa fiixee ka'ii deemii, obbooleessa kankee araara kadhadhu, achiin duuba deebi'ii galata kankee baas. Yo namii si himatee koraatti si yaaman, hurrisii waldhaqiin yokaan innii jaaroleetti si kenneetti, jaarroleen warra waraanaatti si kennitee, warrii waraanaalleen mana hidhansaa keessa si buusaa. Dhugumaa, waan anin siin jedhuu, haga beessee cufa baaftuutti hidhaansa keessaa hinbaatu” jedheen. “Malaa akka durii ‘gaarayyuu hinbaratinaa’ jedhan ya dhageettan. Ammoo waan anin isaniin jedhuu namii dharraan nadheen millatu yaayyuu garaa ufii keessatti waan hamtuu tolche. Yo iltii tantee mirgittiin si wallachifte, ufi keessaa baasii gati! Fulaa nafa kankee cufaa ibidda keessa buusan, yo ila tokko dhabde irra sii jirtii. Ammallee yo harkii kankee mirgichii si wallaalchise, ufirraa kutii gati! Fulaa nafa kankee cufaa ibidda keessa buusan, yo harka tokko dhabde irra sii jirtii” jedheen. “Ammallee durii, ‘Namii niitii ufii lakkisuu fedhu ha waraqata lakkisuun kennuufii’ ya jedhan. Waan ammoo anin isanitti himuu, namii niitii ufii ta dhiira dhibii hinbaraatin lakkise, ya cubbuu keessa isii seensise; namii isii fuudhuulleen ya cubbuu hojjate” jedheen. “Akka warra duriitiin, ‘Dharaan hinkakatinaa’ jedhan, ammallee ‘akka kakuu teessan Waaqaa duratti guutaa’ jedhan ya dhageettan. Ammoo waan anin isanitti himuu, diqqumaallee hinkakatinaa! Maaliif yo jettanii gubbaan barcumaa Waaqaatii, laftii, fulaa Waaqii miila irra dhaabatu; Yerusaalemiilleen dira Hayyuu guddaati. Ammallee mataa keessaniilleen hinkakatinaa, rifeensa keessan tokkoollee dandeettanii hinadeesitanii, yokaan hingurraattesitanii. Wantii isan jettan cuftii ha ‘Ee'eetii-hiyyootii’ callaa taatuu, wantii tana irraa gore waan sheexana keessaa ba'aat” jedheen. “Akka durii ‘Nama ila namaa basse, ila isaallee ha baassanii; ka ilkaan nama cabse, ka isaallee ha cabsanii’ jedhan ya dhageettan. Ammoo waan anin amma isanitti himuu, nama waan hamtuu isan tolchu haaloo hinfuudhinaa. Yo boqoo mirgittii si dhabanaasan bitaattiillee itti garagalfadhu. Ammallee yo namii tokko si himatee hubbaara kankee sirraa baafatee, kootiillee baafadhuuf. Ammallee yo namii si dabsee irreen haga gabaabaa si deemsisee haga fagoo gula deem. Nama wa si kadhatuu kenni; ka wa si liqeefatuu indhowwatin” jedhe. “Ammallee akka durii, ‘Obbooleessa kankee jaaladhuu, nyaapha kankee jibbi!’ Jedhan ya dhageettan. Waan anin ammoo amma isanitti himuu, akka ilmaan Abbaa keessan ka gubbaa jiru taatan, nyaapha keessan jaaladhaa Nama isan gaargalchuu Waaqaa kadhadhaa. Innii aduu nama hamaamaa fi dadansaallee baaseetti, bokkaallee nama qajeelaa fi nama qajeelaa hinta'iniillee rooba. Yo nama isan jaalatu callaa jaalattan gatii maal Waaqaa irraa argattan? Warrii qaraaxa guuruulleen akkasuma tolchaanittii? Yo obbooleeyyan teessan callaa nagaa fuutan, nama dhibii maan irra jirtan? Warrii Waaqaa hinbeenneelleen akkasuma tolchani! Isan akkuma abbaan keessan ka gubbaa jiru qixxee, qixxee ta'uu maltan” jedhe. Yesus, “Nama ufi garsiisuufi jettani akka hujii teessan dansaa namii argu fuula namaa duratti hintolchine ufi Eegadhaa! Yo akkas tolchitan Abbaa keessan ka gubbaa jiru galata irraa hinargattan. Tanaaf yo hiyyeessa qarqaartu, magalata ufi duratti hindha'an, akka namii kijibaan akka namii silaa warra guddisuuf, manneen waldeenaatiif karaa keessaalleetti tolchu. Anin dhuguma isanitti himaa warrii sun gatii ufii ya argate. Ammoo yo hiyyeessa qarqaartan harkii bitaachii waan harkii mirgichii tolchu hinbeekin! Akka qarqaarsii kee waan dhossaa ta'uu, duuba Abbaan kee ka waan atin dhossaan tolchitu argu galata sii baasaa” jedhe. Yesus ammallee dubbatee, “Yo Waaqaa kadhattan, akka nama kijibuu hinta'inaa! Wantii akkanaatiif warrii akka namii warra argu manneen waldeennaa keessaaf dhaattuu karaa ejaajjee kadhachuu fedha. Dhugumaa, waan anin isaniin jedhuu, warrii sun gatii ufii ya argate. Atin ammoo yo Waaqaa kadhattu mana kee keessa seennii, balbala cufadhuu Abbaa kee ka dhosaa jiru kadhaadhu! Abbaan kee ka waan atin dhossaan tolchitu arguu galata sii baasaa. Kadhachaa keessatti akka warra Waaqaa hinbeennee hinta'inaa, dubbii homaa hinbaane hindheeresinaa; warrii waan marroo dubbii hedduutiif kadhachaa dhaga'aniif se'a. Akka warraa hinta'inaa! Abbaan keessan adoo isan homaa jechuu baataniillee waan isan feetan cufaa inbeeka. Duuba yo kadhattan, ‘Abbaa keenna ka Waaqaa gubbaa jirtu; maqaa kankee qulqulloo ha guddisanii; Mootummaan tantee ha dhuftuu; fedhii tantee lafatti ha guutanii akkuma Waaqaa gubbaalleetti guutan. Soora teenna ta ardhaa nuu kenni. Cubbuu teenna nuu araaraam, akkuma nulleen nama nutti cubbamee araaraamne. Ilaallachaa nuttiin hindhufini, waan hamtuu nurraa dhowwi; Ameen’ ” Jedhaa kadhadhaa. “Yo isan wallaala namaa araaramtan, Abbaan keessan ka Waaqaa gubbaalleen isanii araaramaa. Ammoo yo isan wallaala namaa hinarraaramne, Abbaan keessaniilleen wallaala isanii hinarraaramu” jedhe. Yesus, “Yo Waaqaa kadhachaaf agabdan, akka warra kijibaa fuula hin yakkatinaa! Warrii akka namii agabuu warraa arguuf fuula yakkata. Dhugumaa, waan anin isaniin jedhuu warrii sun gatii ufii ya argate. Atin ammoo yo agabdu fuula dhiqadhuu, mataa filadhu, akka namii agabuu tantee hingarre; akka Waaqii dhossaa jiru callaan si argu! Abbaan kankee ka waan dhossaallee argu galata sii baasaa” jedhe. Fulaa horiin keessan jiru garaan keessaniilleen jira” jedhe. Yesus, “Iltii ibsee nafaatii; yo iltii tantee dansaa taate, naaf kankee cuftii ibsee qaba. Ammoo yo iltii tantee dansaa hinta'in, naaf kee cuftii indukkanaa. Tanaaf yo ibseen si keessa jirtu dukkanoofte dukkantii in guddaatti” jedhe. Yesus ammallee, “Namii tokkoolleen danda'ee abbootii lama hinhojjatu, wantii akkanaatiif, heger tokko jibbeetti kaan jaalata, yokaan tokkoon waldhaqeetti kaaniin waldhaba, Waaqaa fi horii hojjachuu indandeettan; Tanaaf anin isanitti himaa jireenna yokaan nyaataa dhugaatiin, yokaan waan nafatti uyyifattan hindhindhisinaa. Jireennii liqimsaa irra hinjiru? Yokaan naafii wayaa irra hinjiru? Simphirree laalaa; midhaan hinfacaaftu, hinmurtu, yokaan kodhootti hingalchitu; ammoo Abbaa keessan ka gubbaa jirutti isiillee soora, isan simphirree irra hinjirtanii? Isan keessaa eennuutti adoo dhindhiseellee, danda'ee ganna jireenna isaa irratti haga gabaabaa yokaan dheera ufii irratti dhundhuma tokko darachuu dandaa? Maaf waan uyyifattan dhindhistan? Me akka daraaraan diidaa ba'u herregaa; innii hinhojjatu yokaan wayaa hindhatu, ammoo waan anin isaniin jedhu, Solomoonniilleen guddinna ufii keessatti wayaa akka daraaraa midhaaddu hinuyyifanne. Waaqii yo buuyyoo ardha jirtu ta bor ibiddatti gatan akkana uyyise, innii hagas irra isanii hinuyyisuu? Dhugeeffachan teessan akkam waan diqqoo! Tanaaf dhindhistanii, ‘Maan nyaanna? Maan dhunna? Yokaan Maan uyyifanna?’ jettanii hin yaada'inaa! Warrii Waaqaa hinbeenne waan kana cufa barbaada! Abbaan keessan ka gubbaa jiru akka isan waan kana cufa feetan inbeeka. Ammoo qaraa fiixee qajeeluma moottumma Waaqaa barbaadaa, duuba waan isanii barbaachisaa cufaa isanii kennanii. Tanaaf waan bor hindhindhinsinaa, waan bor, haborummaan ufi dhindhistuutii; guyyaan cuftii gaargala ufii qaba” jedhe. Yesus, “Namatti hinmurinaa akka isaniilleetti hinmure; Muritii isan namatti murtaniin isaniilleetti muran! Ammallee kiila isan safartaniin isaniillee safaran. Atin maaf filliida ila obbooleessa keetii keessa jiru laalta ka ufiiftuu jirma ila tantee keessa jiru hinargine? Yokaan akkam dandeettee obbooleessa keetiin, ‘Filliida ila keessaa sii fuudha’ jetta, ka ila teetuu keessa jirmii jiru? Kijibaa! Akka ila obbooleessaa keetii keessaa filliida fuutuu qaraa fiixee jirma ila tantee keessaa fudhadhu, achiin duuba akka dansaa lafa argitaa” jedhe. “Gargaltee akka isanuma hin nyaanneWaan qulqulloo saree hinkennina. Ammallee dooqa booyyee dura hinbuusinaa, akka isiin miilaan irra hinejaajjanne” jedhe. Yesus, “Kadhadhaa, isanii kennaanii; barbaadaa inargattanii; balbala dhadhaa'aa, isan duraa banaanii. Namii kadhatuu inargata, namii barbaadu inarga, ammallee nama balbala dhadha'uu inbananiif. Eentu yo ilmii isaa qixxaa kadhate dhakaa kennaaf? Yokaan yo innii qurxummii kadhate bofa kennaaf? Yo isanuu ka hammeenna qabdan waan dansaa ilmaan teessanii kennuu beettanii, Abbaan keessan warra isa kadhatuu hagas irra waan dansaa kenna! Akkuma akka namii waan dansaa isanii tolchu feetan, ufiillee akkasuma waan dansaa namaa tolchaa; tunin dubbii seeraatiif fi ta raagaatii” jedhe. Yesus ammallee, “Balbala dhiphoon olseenaa! Balbala balloo fi karaan laafaan gara badii nama geessaa, namii achi deemuulleen hedduu. Balbala dhiphoo fi karaan jabaan jireennaatti nama geessa, namii argatuulleen diqqaa” jedhe. Yesus, “Raagota dharaa eegadhaa, ta hoolaa fakkaachuuf gogaa hoolaa uyyifattee gara keessan dhuftu, keessii isanii ammoo akka ya'ii beellooftee jira. Midhaan warraatiin warra beettan. Midhaan Wayinii qoraattii irraa inguuranii? Yokaan dheekkaa irraa mogorree inguuranii? Mukii dansaan midhaan dansaa baasa, mukii hamaan ammoo midhaan hamoo baasa. Mukii dansaan midhaan hamoo danda'ee hinbaasu; mukii hamaalleen midhaan dansaa danda'ee hinbaasu. Mukaa midhaan dansaa hinbaamne cufa muranitti ibidda keessa buusan. Tanaaf midhaan warraatiin warra beettan” jedhe. Yesus ammallee dubbatee, “Nama fedhii Abbaa kiyyaa ka Waaqaa gubbaa jiruu guutu malee, namii ‘Aabboo, Aabboo’ naan jedhu cuftii Mootummaa Waaqaa hinargatu. Guyyaa sun namii hedduun, ‘Aabboo, Aabboo, nu maqaa keetiin wa himnee, maqaa keetiin jinnii baamnee, maqaa keetiin waan mamaa hedduu tolchineeni?’ jedha. Anin ammoo diidesseetti, anin fuula isan hinbeekuu na biraa fagaadhaa! Isan warra waan hamtuu hojjatuu jedheenii, warratti hima” jedhe. Yesus, “Duuba namii dubbii tiyya tana dhaga'ee guutu nama qalbii qabu ka dhakaa gubbatti mana jaarratte fakkaata. Bokkeennii roobee, lolaan guddaan dhufee, bubbeen bubbiftee mana sun dhooftee, waan yayyabii isaa dhakaa gubbaa ta'eef manii ammoo jiguu dide. Namii dubbii tiyya tana dhaga'ee hinguunne, nama daallee mana isaa maansaa irratti jaarratte fakkaata. Bokkeennii roobee, lolaan guddaan dhufee, bubbeen bubbiftee mana kaan dhooftee, manii jige. Jigisii mana sunii waan guddaa!” jedhe. Yesus dubbii tana barsiimnaan, namii cuftii guddoo waan barsiisa isaa mamee, “Innii akka jara seera beekuu nama hinbarsiimnee, ammoo akka nama jabeenna qabuu barsiise” jedhan. Yesus gaara irraa gad buunaan, gumiin guddoon isa gula yaate. Namichii qomaaxaa qabu tokko isatti dhufee, duratti jilbiiffatee, “Aabboo, atin yo feete na fayyisuu indandeetta” jedheen. Yesus harka diriirfatee, isa tuqee, “Infedhaa fayyi!” jedhee, innii yoma tokkoon dhukkuba sun fayye. Jennaan Yesus, “Caqasi! Waan tokkoollee namaan hinjedhinii, ammoo dhaqii, qaallicha ufi garsiisii, sooriyoo Museen mure baas, akka namii cuftii akka atin fayyite argu” jedheen. Yesus Qifirnaahom seennaan, shuumichii gosa Roomaa tokko gara isaa dhufee, qarqaarsa kadhate, “Aabboo, hojjataan kiyya tokko fayyaanitii mana keessa ciisee gaargaluutti jiraa, chocho'uullee hindanda'u” jedhe. Yesus, “Anin dhufeetti isa fayyisa” jedheen. Shuumichii kaan, “Atin mana kiyya seenuu hinmallee ammoo afaanumaan jedhi, hojjataan kiyya infayyaa. Anin nama jala hojjadha, warra waraanaatti na jala jira, yo anin nama tokkoon ‘Deem’ jedhuu, indeema; yo kadhibiin ‘Kootti’ jedhu indhufa. Ammallee hojjataa kiyyaan, yo anin ‘Waan kana tolchi’ jedhuu, intolcha” jedhe. Yesus waan kana dhageennaan mamee, warra isa gula yaa'uun, “Dhugumaa, waan anin isaniin jedhuu, dhugeeffachaa akkanaa tana Israa'el keessaalleetti anin takka hingarre. Mee laalaa, namii hedduun mirgaa bitaa dhufee Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoob waliin Mootummaa Waaqaa keessa tata'an. Nama ammoo mootummaa sunitti dhalatee dukkana alaa keessa buusan; achitti namii boo'ee ilkaan qara” jedhe. Yesus shuumichaan, “Been! Wantii atin dhugeeffatte sun sii ta'inaa!” jedhee, jennaan hojjataan yoma sun fayye. Yesus mana Phexros seennaan, jaartii soddaa isaa ta qandhoo qabdu arge. Innii harka isii tuqee, jennaan qandhoon isii lakkiftee, isiin kaatee warra gololchite. Galgala sun nama hedduu jinnii qabu Yesusittiin dhufanii jennaan innii jecha tokkoon jinnii baasee, nama dhukkuba qabullee cufa fayyise. Wantii kunin akka himanii raagii Isaayas, “Innii dhukkuba keenna fudhatee, fayyadhaba keennaallee baate” jedhe guutamu garsiifti. Yesus gumii isa marsitu arginaan akka jari isaa gama galaanaa kaanitti taakku ajaje. Namichii seera beeku tokko gara isaa dhufee, “Aabboo, anin fulaa atin deemtu cufaa si gula deema” jedheen. Yesus ammoo, “Geedaltii boolla qabdii, simphirreelleen mana qabdii, ilmii namaa ammoo fulaa mataa ufii keeyyatuu hinqabu” jedheen. Jara isaa keessaa namii tokko, “Aabboo, eegii qara dhaqee aabboo awwaalaa!” jedhe. Yesus ammoo, “Du'aan ha du'aa awwaaluutii, ati na gula kootti” jedhen. Yesus hoboloo seennaan, jarii isaa isa gula yaa'e. Bubbeen guddoon galaana dhooftee, dhawwaan hoboloo roraafte, Yesus ammoo rafuu jira. Warrii dhaqee isa dammassee, “Aabboo, nu baas! Nu baduutti jirraa” jedhe. Jennaan Yesus warraan, “Maaf akkana sodaattan? Dhugeeffachaan teessan waan diqqoo” jedheen. Jennaan Yesus ka'ee, bubbee fi galaana callisiisee, wantii cuftii qabbanoofte. Biyyitii maadeffattee, “Kunin nama akkam, ka qilleensaa fi galaaniilleen sarmuuf?” jette. Innii gama galaanaa, gara lafa “Gadaraa” jedhanii taakkinaan, namii lama ka jinnii qabu awwaala keessaa yaa'e isaan ba'e. Jarii guddoo bineensa'ee, namii tokkoolleen karaa sun gula yaa'uu dadhabe. Warrii iyyee, “Atin maan nurraa qabda, Ee ilma Waaqaa? Adoo guyyaan hinga'in nu gaargalchuu dhuftee?” jedhe. Mana booyyeetti diqqoo warra irraa fagoo dheeduutti jira. Jennaan jinniin, “Yo ka nu baaftu taatee, gara booyyee sunii nu ergi” jetteen. Yesus, “Beenaa yaa'aa!” jennaaniin warra keessaa yaatee booyyee taan duudde. Duuba booyyeen oriitee, bisaan keessa duuddee, bisaan liqimsan. Tissituun baqaattee, dira dhaxxee waan warrii jinnii qabu ta'e cufaa haasofte. Duuba dirii cuftii haguma ga'uunuu Yesus arguu dhufe; arginaan akka innii lafa warraa keessaa deemu kadhatan. Yesus hoboloo keessa seenee galaana taakkee, dira lafa ufii dhaqe. Jennaan jarii tokko namicha naafa tokko siree irra ciibsisee isattiin dhufe. Yesus dhugeeffachaa warraa arginaan namicha naafa kaaniin, “Garaa jabaadhu, gurbaa kiyya; cubbuu tantee ya sii araaramanii” jedheen. Jennaan jarii seera beeku tokko, “Namii kunin Waaqaa arrabsa!” waliin jedhe. Yesus herrega warraa beennaan, “Maaf garaa keessan keessatti hammeenna akkanaa kana herreddan Cubbuu tantee ya sii araaraman jechuu fi ka'ii deem jechuu tamiitti irra laaftuu? Ammoo akka ilmii namaa lafa irratti jabeenna cubbuu namaa araaramuun qabu hubadhaa!” jedheen. Jennaan innii namicha naafa kaaniin, “Ka'ii, siree tantee fudhadhuu, warra keetti gali!” jedhe. Duuba innii ka'ee warratti gale. Biyyitii waan kana arginaan sodaattee, Waaqaa ka jabeenna akkanaa kana namaa kenne guddifte. Yesus achii deemnaan, nama tokko ka Maatewos jedhan, ka fulaa mana qaraxaa taa'uu argee, “Na gula kootti!” jedheen. Jennaan Maatewos ka'ee, isa gula deeme. Innii sagalee nyaataa teennaan, jarii qaraxa guuruu fi warrii cubboolleen hedduun isaa fi jara isa waliin tataa'e. Duuba fariisotii waan kana arginaan jara isaatiin, “Barsiisan keessan maaf nama qaraxa guuruu fi nama cubbicha waliin sagalee nyaata?” jette. Yesus dubbii taan dhageennaan, “Namii fayyaa qabu cireessa hinbarbaadu, nama fayyadhabe callaatti barbaada. Beenaa, waan jecha kanaa hubadhaa, anin naasuu fedhaa, sooriyoo hinfedhu. Anin cubbicha malee, nama qajeelaa yaamuu hindhumne” jedheen. Jennaan jarii Yoh. aannis gara Yesus dhufee, “Nuu fi Fariisotii maaf Waaqaa jennee ufi agabsina, ka jarii kankee ufi hinagabsine?” jedhe. Yesus warraan, “Keessumaan fuudhaa haga abbaan fuudhaa warra waliin jiru laaleffachuu dandeettii? Guyyaan abbaa fuudhaa warra biraa fuudhan indhufa, duuba yo sun warrii ufi agabsa” jedheen. “Namii wayaa haareettii kootii dullatiitti erbu hinjiru; erbaan sun wayaa dullattii taan intarsaaftii, tarsaalleen haga qaraa irra guddaatti. Daadhii oowituu gorjoo dullattiitti hinnaqan. Yo akkas tolchan, gorjoon tarsaateetti, daadhiiilleen jiddee gorjoon baddi. Yo daadhiii oowituu gorjoo haareettitti naqan, duuba lachuu guyyaa hedduu teetti” jedheen. Adoo Yesus waan kana dubbatuu, motichii tokko dhufee, duratti jilbiifatee, “Intaltii tiyya ammumaan tana doote; ammoo koottii, harka kankee isii irra kaa'i, isiin injiraattii” jedheen. Jennaan Yesus ka'ee, jara ufii waliin isa gula deeme. Niitiin, ganna kudhanii lamaa cufa dhiigii keessaa yaa'ee cituu didee rakkise takka isa dudda duubaan dhuftee, handaara wayaa isaa tuxxe. Isiin garaa ufii keessatti, “Anin yo wayaa isaa callaa tuqeellee infayya” jette. Yesus ufirra garagalee, isii arginaan, “Intala garaa jabaadhu, dhugeeffachaan tantee la si fayyiftee” jedheen; isiin yoma sun fayyite. Yesus mana motichaa kaan seennaan jara mi'a sirbaa ka yo lubbuun namatti galtu dha'an dha'uu fi biyya boo'uu jirtu arginaan, “Alaatti ba'aa, intaltii hindoonee rafuu jirtii” jedhe. Jennaan, warrii isa koblee, ammoo, eegii biyyitii alaatti baate, innii olseenee harka intala olfuunaan, intaltii kaate. Oduun tunin lafa sun keessa fulaa cufaa geette. Yesus achii deemnaan jarii ballaan lama isa gula yaa'ee, “Ilma Daawiti, nuu naa'i!” jedheen. Innii mana olseennaan jarii ballaan kaan gara isaa dhufee, Yesus warraan, “Akka anin waan kana tolchuu danda'uu indhugeeffatanii?” jedheen. Jarii, “Ee'ee Aabboo indhugeeffana” jedhe. Jennaan Yesus ila warraa tuqee, “Akka dhugeeffachaa teessan ha isanii taatuu!” jedhe. Duuba iltii warraa banamte, Yesus ammoo, “Nama tokkoolleetti hinhimnaa” jedhe, warratti seere. Warrii ammoo yaa'ee, lafa sun cufa keessatti waan isaa hime. Adoo warrii yaa'uu nama jinnii duuda qabu Yesustiin dhufan. Innii jinnii keessaa baase jennaan namichii duudaan kaan dubbate. Biyyitii maadeffattee, “Waan akkanaa kana takka Israa'el keessatti hingarre” jette. Fariisotii ammoo, “Innii jabeenna guddaa jinnitiin jinnii baasa” jette. Duuba Yesus achii deemee dira, ollootaa fi manneen Waldeennaa keessatti oduu dansaa mootummaa Waaqaa, haasaa'ee dhukkubaa fi fayyadhaba cufa fayyise. Gumii arginaan, marroo isiin qarqaarsa dhabdee dadhabdee hooliyyee tissituu hinqamnee fakkaateef na'eef. Jennaan Yesus jara isaatiin, “Midhaan muran guddoo, namii midhaan muru ammoo diqaa. Tanaaf akka innii nama midhaan muru oobruutti ergu abbaa midhaan sunii kadhadhaa!” jedhe. Jennaan Yesus jara isaa kudhanii lamaanuu walti yaamee, akka jinnii nama keessaa baasanii, fayyadhabaa fi dhukkuba cufaa fayyisan jabeenna kenneef. Maqaan ergamtoota kudhanii lamaanii armaan jala jira, ka qaraa, Simoon ka Phexros jedhanii fi obbooleessa isaa Indriiyas; Yaaqoobii fi obbooleessa isaa Yoh. aannis, ilmaan Zabdewos; Filiphos fi Bartolomewos; Toomaasii fi Maatewos ka qaraxa guuru; Yaaqoob ilma Alfayoo fi Taadewos; Simoon, nama lafa ufii jabeessuu fi Yihudaa ka Keriyot, ka Yesus gurgure. Jara kudhanii lamaan kana Yesus ergee, “Lafa gosa dhibii yokaan dira gosa Samaariyaa hinseeninaa. Ammoo gara hooliyyee baddee ta gosa Israa'el dhaqaa. Yaa'aa, ‘Mootummaan Waaqaa ya dhi'aatte’ jedhaa, namatti himaa. Nama dhukkuba qabu fayyisaa, ka du'eellee kaassaa, ka qomaaxaa qabuullee fayyisaa, jinniillee nama keessaa baasaa. Gatii malee isanii kennaanii isaniilleen gatii malee namaa kennaa. Warqii fi qarshii yokaan beessee dhibii hinfudhatinaa; kareerisafaa, ubbaara dhibiifaa, kopheefaa, uleellee hinfudhatinaa. Hojjattootii waan maleef argachuu malte. Ollaa fi dira ka seentaniifuu, nama dansaa barbaadaa, haga yaatanitti isa waliin taa'a. Akkuma namatti olduudaniin nagaa fuudhaa eebbisaa. Yo namii sun dansaa ta'e, nageennii keessan ha itti dhufuu; ammoo yo namii sun isan jalaa dide, nageennii keessan ha isanitti deebi'uu. Yo namii isan hinfuudhanne, yokaan dubbii teessan hincaqamne, yo mana sun yokaan dira sun keessaa yaatan, awwaara miila keessan irraa dhadhaadhaa. Dhugumaa, waan anin isaniin jedhuu, laftii Sodoomii fi Gomoraa guyyaa muraa dira sun irra goomti” jedhe. Yesus itti dabalee, “Kunnoo, anin akka ilmoolee hooliyyee jidduu ya'itti isan erga; tanaaf akka bofaa qaroo ta'aa, akka sabaliisaa nagaan taa'aa! Nama eegadhaa! Isan qabanii koraatti isan geessan; ammallee manneen waldeennaa keessatti isan dhaanan. Mar. roo tiyyaaf hayyootaa fi jaallaboota duratti isan geessan, akka warraa fi gosa dhibiillee duratti dhugeesitan. Yo qorsummaa isan yaaman, waan dubbatanii fi waan jettan hinherreginaa; waan isan jettan yoma sun isanitti himanii. Hafuura Abbaa keessanitti isan keessaa dubbata malee namii dubbatu isaniiniti, obbooleessii obbooleessa ufii du'atti geessa; abbaan ilma ufii akkasuma tolcha; ijoolleelleen abbootii fi haawwan ufii akkasuma tolchiti. Mar. roo tiyyaaf namii cuftii isan jibba. Namii haga muummee obsu ammoo inbaafama. Yo dira tokko keessatti isan gaargalchan, ka itti aanuutti baqadhaa! Dhugumaa, anin isanitti himaa adoo ilmii namaa hindhumnee dira Israa'el cufa dandeettanii hinqixeesitan.” “Namii wa baratu nama isa barsiisu irra hinjiru; yokaan hojjattuun abbaa ufii irra hinjirtu. Namii wa baratu, yo akkuma nama isa barsiisee ta'ee yokaan garbichiilleen yo akka abbaa ufii ta'e ya taateef. Yo abbaa warraatiin, ‘Bi'e'izebul’ jedhan, warra manaa maqaa hagas irra hamaatiin yaaman” jedhe. Yesus, “Tanaaf hinsodaatinaa; wantii daboolan ta daboolaa irraa hinbuqimne hinjirtuu; yokaan wantii dhossaan ta hinmullanne hinjirtu. Waan anin dukkana keessatti isanitti himu ibsee keessatti dubbadhaa; ammallee waan hasaasan ka dhageettan fiixee manaa gubbatti lallabaa. Nama nafa ijjeesee lubbuu ammoo homaa tolchuu hindandeenne hinsodaatinaa nama ammoo nafaa fi lubbuu ibidda keessa buusuu danda'u sodaadhaa! Cuquliisa lama beessee tokkootti gurguraniiyyuu? Ammoo yo Abbaan keessan fedhe malee, tokkoolleen lafa hinbu'u. Rifeensa mataa keessaniillee cufa yaayyuu hedan. Tanaaf hinsodaatinaa! Isan cuquliisa irra jirtanii” jedhe. Yesus, “Nama nama duratti naa dhugeessu cufa aniilleen Abbaa Waaqaa gubbaa duratti indhugeessaaf. Ammoo ka nama duratti na mormatu cufa anilleen Abbaa kiyya ka Waaqaa gubbaa duratti hinmormadha” jedhe. Yesus ammallee dubbatee, “Waan anin nagaa lafaan dhufuu dhufe hinse'inaa; anin nagaa lafaan dhufuu hindhumnee ammoo goraadee lafaan dhufuu dhufe. Anin ilmaa fi abbaa walti naqaa dhufe, intalaa fi haadhaallee; niitii ilmaatii fi haadha isaallee; warruma namatti nyaapha namaa ta'a.” “Namii abbaa fi haadha ufii narra jaalatu naa hinmalle, ammallee namii ilmaan ufii narra jaalatu naa hinmalle. Namii fannoo ufii fudhatee na gula hindeemne naa hinmalle. Namii lubbuu ufii qorqorachuu fedhu hindhaba; namii ammoo lubbuu ufii naa jedhee, balleessu inargata” jedhe. Yesus, “Namii isan dhi'eessu, na dhi'eessa; namii na dhi'eessu nama na erge dhi'eessa. Namii raaga Waaqaa, marroo innii raaga ta'eef dhi'eessu, akka raagaa galata argata. Ammallee, namii nama qajeelaa, marroo innii nama qajeelaa ta'eef dhi'eessu, akka nama qajeelaa galata argata. Hubadhaa, namii marroo innii na gula deemuuf ijoollee didiqqoo tana tokko bisaan gurraachaallee obaasee, galata ufii hindhabu” jedhe. Yesus eegii barsiisa jara ufii kudhanii lamaanii hobbaase, achii ka'ee dira lafa sunii keessatti nama barsiisuuf dubbii himuu dhaqe. Yoh. aannis adoo mana hidhaansaa keessa jiruu, waan hujii Kiristoo dhaga'ee jennaan jara ufii Yesusitti ergee, “Namii indhufa jedhan si moo ka dhibii eenna?” jedhee gaafate. Yesus ammoo deebisee, “Beenaa, waan gartanii, dhageettan Yoh. aannisitti himaa! Ballaan lafa arga, naafii indeema, namii qomaaxaa qabu inqulqullaa, duudaan indhagaa, reeffii inka'a, oduu dansaa hiyyeeyyiitti haasa'an. Namii diqoollee na indhaareeffanne ka badhaadhe jedhan” isan jedhe. Warrii kaan yaanaan, Yesus waan Yoh. aannisii biyyatti dubbatee, “Lafa gammoojjii keessa maan daawachuu dhaxxan? Illaadduu qilleensii taphsiisuu? Warra wayaa mimmidhaadduu uyyifatu daawachuu dhaxxanii? Warrii wayaa mimmidhaadduu uyyifatu mana hayyootaa keessa tataa. Maaf alaatti yaatan ree? Raaga daawachuu dhaxxanii? Ee'ee ammoo waan raagaan oli goddoo ya gartan. Namii kunin ka waan isaa akkana barreessan, ‘Kunnoo, anin ergamaa kiyya si dura erga, akka karaa si duratti midhaassu’ ” ya jedhe. “Dhugumaan isaniin jedhaa, namii garaa nadheenii keessaa bu'e tokkoolleen ka Yoh. aannisii nama cuuphuu irra jiru hinjiru. Ammoo namii mootummaa gubbaa keessaa nama cufa irra diqqaa isa irra jira. Haga bara Yoh. aannisii nama cuuphuutii haga ardhaa mootummaa gubbaa ya hadhan warrii irree qabu irreen hadha. Raagota cufaa fi seeriilleen haga Yoh. aannisii nama cuuphuu callaa wa hime. Yo silaa dhugeefatani, Eliyaasiin dhufansa isaa himan kaan kunoo Yoh. aannisi kana. Yo gurra qabaattan dhagaa” jedheen. “Dhaloota kana ammoo maanitti akeeka? Akka ijoollee gabaya keessa teteettee jaalan ufii yaamtee, ‘Nu dibbee isanii dhoomnee, isan ammoo sirbuu diddan; nu iyyinaan isan boo'uu diddan!’ jettu fakkaata. Yoh. aannis nyaatee dhuguu hindhumnee, isan amooo ‘Innii jinnii qaba’ jettan. Ilmii namaa nyaatee dhuguu dhufe, waan jedhan ammoo ‘Kunin sabdii fi nama farsoo dhugu, jaala nama qaraxa guuruutii fi warra cubboolleetti jedhan’ taatullee qalbii Waaqaa dhugaa, waan isiin tolchituun beekan” jedhe. Jennaan Yesus warra dira qaraa innii keessatti waan mamaa tolche kaan, waan warrii cubbuu irraa deebi'uu dideef, wallaala itti muree, “Sii wayya ya Koraazi! sii wayya ya Betsayidaa! adoo silaa waan mamaa ta isan keessatti tolchan Xiiroosii fi Sidoon keessatti durii tolchanii, warrii ardhaakalee bututtuu naqatee daaraa dibatee, cubbuu ufii inhimatin! Anin ammoo isanitti himaa, guyyaa muraa Waaqii isan irra warra xiiroosii fi ka Sidoonittii na'a. Qifirnaahom, atin ammoo waan gubbaa oldeemtu ufi seetaa? Fulaa ekeraa si buusan. Yo silaa waan mamaa ka si keessatti tolchan Sodoomaa keessatti tolchan, dirii sun haga ardhaa injira.” “Anin ammoo sitti himaa, ‘Guyyaa muummee dirii Sodoomaa sirra gooma’ jedhe. Yo sun Yesus, ‘Anin galata sii deebisa, ee'ee aabboo, abbaa lafaa fi gubbaa, waan atin waan kana warra qalbii qabuu fi warra wa barate dhossitee ijoollee didiqqootti mullifteef.’ ” “Ee'ee aabboo tunin feedhii teeti. Aabboon waan cufaa ya harka kiyyatti kenne; abbaa malee namii ilma beeku hinjiruammallee ilmaa fi nama innii itti mullisuu fedhu malee namii abbaa beeku hinjiru” jedhe. Yesus, “Namii dadhabee fi ka ba'aan itti ulfaateelleen cuftii gara kiyya koottaa; anin isan boqoochiisaa. Qambara kiyya keeyyadhaa, narraa baradhaa, anin nama laanaa, ka mataa hinguddifane; duuba boqota argattanii. Qambarii kiyya sablaa, ba'aan tiyyaalleen hin ulfaattu” jedhe. Bara sun, Yesus guyyaa Sanbataa oobruu dargaayyee tokko keessa dabre, jarii isaa beela'ee jennaan midhaan xuruuratee nyaate. Fariisotii waan kana arginaan Yesusiin, “Ilaal, jarii kankee waan guyyaa Sanbataa tolchuu hinmalin tolchaa!” jetteen. Innii ammoo deebisee warraan, “Isan waan Daawtii fi jarii isa waliin jiru beelomnaan ta'e hindubbimnee? Innii Mana Waaqaa olseenee, qixxaa Waaqaa baasan, ka qaallolee malee, namii tokkoolleen nyaachuu hinmalin fudhatee, nyaatee waahela ufiilleen ga'e. Yokaan isan seera Musee keessa akka qaalloleen guyyaa Sanbataa mana Waaqaa keessa seera Sanbataa cabsitu ammoo wallaala hinqamnee hindubbimnee? Waan anin isanitti himuu, wantii mana Waaqaa irra guddoo arma jirti. Innii ammoo, ‘Yo silaa jecha, anin naasuu malee sooriyoo horii hinfedhu’ jedhu beettanii, isan nama wallaala hinqamne wallaala itti hinmurtan. Wantii akkanaatiif ilmii namaa guddaa Sanbataati” isaniin jedhe. Yesus achii deemnaan mana waldeennaa tokko olseene. Namicha tokko ka harkii rifateetti achi jiraa jennaan, jarii akka silaa Yesus himataan, “Guyyaa Sanbataa nama fayyisuun fulaa moo fulaaniiti?” jedhee gaafate. Yesus deebisee warraan, “Isanii kana keessa, namii hoolaa tokko qabu, ka yo innii guyyaa Sanbataa boolla keessa bu'e, hamphaaree boolla keessaa hinbaamne eennu? Namii hoolaa irra hinjiruu ree? Yoos, guyyaa Sanbataa waan dansaa tolchuun fulaa” jedheen. Jennaan innii namichaan, “Harka kankee diriirfadhu” jedhee, namichii harka diriirfanaan harkii fayyee, akkuma harka kaanii ta'e. Fariisotii yaatee korattee akka Yesus ijjeeftu mari'atte. Yesus waan kana dhageennaan ka'ee achii deeme; jennaan namii hedduun isa gula yaa'e; innii nama cufaa fayyisee, ammallee biyyaan waan kiyya namatti hinhiminaa jedhee seerate; akka wantii raagii Isaayaas jedhee guutamtu innii, “Hojjataan kiyya ka anin foohadhe kana, ka anin jaaladhu, ka guddoo na gammachiisu, anin hafuura kiyya isatti erga, innii murtii tiyya gosa cufaatti hima, innii hinmormu yokaan lallabee hin iyyu, yokaan namii tokkoolleen qoonqoo isaa karaa keessatti hindhaga'u. Innii haga dhugaa dabsachiisutti, illaadduu millatee hincabsu, yokaan ibsee aartuullee hindhaamsu. Gochitii cuftii maqaa isaa abdatti” jedhe. Jennaan namicha tokko ka jinniin ilaa fi afaan duuchite Yesusittiin dhufanii, Yesus isa fayyise, namichii kaan dubbatee ilaalleen lafa arge. Biyyitii cuftii mamtee, “Kunin danda'eetti ilma Daawit ta'aa?” jette. Fariisotii ammoo waan kana dhageennaan, “Namii kunin guddaa jinnii, ka Bi'elzeebul jedhan, isa qofaatti jinnii baasaa” jette. Yesus herrega warraa beennaan, “Namii lafa tokkoo ka gosaan gargarii qoodamu inbada. Ammallee dirii yokaan manii gargarii qoodamu akka dhaabatu hinqabu. Akkasumaa duuba sheexanii yo Sheexanaa baasee, innii yaayyuu gargarii qoodamee, akkam danda'ee jabeennaan lafa fida ree? Anin yo maqaa Bi'el zebuliti jinnii baasee, ilmaan teessan maqaa eennuutiin baafti? Tanaaf ijoolluma teessanitti isanitti mura. Ammoo yo anin hafuura Waaqaatiin jinnii baasee, yo sun mootummaan Waaqaa ya dhi'aatte” jedhe. “Yo qaraa abbaa manaa hidhamellee namii akkam danda'ee mana nama jabaa seenee mi'a hatuu dandaa? Yo qaraa isa hidhe mana isaa seenee hatuu dandaa.” “Namii na waliin hinjirre nyaapha kiyya; namii na waliin wa hinguurree wa firfirisa. Tanaaf waan anin isanitti himuu, cubbuu fi arraba hamaa namii wa arrabsu, namaa in araaraman, namii ammoo Hafuura Qulqullootti muratuu araarama hinargatu. Namii ilma namaa miidhu araarama argata; namii Hafuura Qulqulloo miidhu ammoo haga jiruu jireennaallee araarama hinargatu” jedheen. Yesus itti dabree, “Mukii dansaan midhaan dansaa dhala, mukii hamaan midhaan hamoo dhala. Mukaa cufaa midhaan innii dhaluun beekan. Isan ilmoolee bofaati! Isan yo hamaamoo taatan akkam dandeettanii waan dansaa dubbattan? Wantii akkanaatiif afaan waan garaan qabu dubbatan.” Namii dansaan horii ufii dansaa keessaa waan dansaa baasa; namii hamaalleen horii ufii hamaa keessaa waan hamtuu baasa. “Waan anin isanitti himuu, guyyaa muraa Waaqii nama cufaa dubbii didiqqoo silaa jechaa hinmalin ta innii jedhe, gaafata. Dubbii teetiin dhugaa si muran, ammallee dubbii teetiin wallaala sitti muran” jedhe. Jennaan jarii seera beekuu fi fariisotii Yesusiin, “Aabboo, nu akeeka atin tolchitu argu feenna” jedhan. Yesus ammoo, “Dhalootii kunin hamaa, Waaqaa didaa, akeeka barbaada, ka raaga Yoonaas malee akeekii nama agarsiisan hinjiru. Akkuma Yoonaas guyyaa sadii fi halkan sadii garaa qurxummii keessa taa'ee, akkasuma ilmii namaalleen guyyaa sadii fi halkan sadii boolla keessa taa'a. Biyyitii Niwwee guyyaa muraa kaateetti dhaloota kana himatti, waan warrii marroo oduu dansaa ta Yoonaas himeef cubbuu irraa deebi'eef. Ammoo kunoo, namii Yoonaas irra jiru arma jira. Guyyaa muraa qaalittiin lafa mirgaa olkaateetti dhaloota kana himatti; isiin akka qarooma Solomoon caqafatu muummee lafaatii dhufte; ammoo kunoo wantii Solomoon irra jiraa arma jirti” jedhe. “Jinniin yo nama keessaa baatu, lafa bisaan hinqamne keessa marteetti boqota barbaaddi; yo dhabdu, armaa achi, ‘Anin mana kiyya ka keessaa dhufeetti deebi'a’ ufiin jetti. Deebitee dhumnaan mana duwwaa, ka haranii qophaa'e argitti. Isiin deemteetti jinnii torba dhibii ta isii irra hamaamtuutiin dhufti; duuba seenaaniit achi qubatan. Jireennii nama sunii ka lameessoo jireenna qaraa irra hamaa. Dhalootii hamaan kuniilleen akkasuma ta'a” jedhe. Adoo innii taa'ee gumiin haasa'uu, haadhaa fi obbooleeyyan isaa ala ejaajjanii isaan dubbachuu fedhan. Jennaan namii tokko Yesusiin, “Ilaal, haateetii fi obbooleeyyan tantee ala ejaajjanii siin dubbachuu fedhanii” jedhe. Yesus ammoo namicha isatti himeen, “Haadhaa fi obbooleeyyan tiyya eennu?” jedhe. Jennaan innii jara ufiitti quba qabee, “Kunnoo, haadhaa fi obbooleeyyan tiyya jara kana. Nama waan Abbaan kiyya ka gubbaa fedhu tolchu callatti obbooleessaa, obbooleetii fi haadha tiyya” jedhe. Guyyuma sun, Yesus mana keessaa ba'ee dhaattuu galaanaa taa'e. Gumiin guddoon walti baanaan innii hoboloo keessa seenee achi taa'ee, duuba gumiin cuftii afaan galaanaa ejaajjite. Innii mammaassaan waan hedduu warratti himee, “Namichii tokko midhaan facaasuu dhaqe. Adoo innii facaasuu midhaan garii dhaattuu karaa jiganii, simphirreen dhuftee nyaatte. Midhaan garii fulaa biyyeen guddoon hinjirre dhakaa gubbatti jigan. Yoosuu biqilan, ammoo waan biyyeen gad fagoo hinta'aniif, aduun baanaan qancooratanii, waan hidda hinqamneef qancaran. Midhaan garii qoraattii keessatti jiganii, qoraatiin waliin baatee ukkaamsite. Midhaan garii biyyee dansaa gubbatti jiganii, midhaan dhalan, hagii tokko dhibba dhalanii, ka garii jaatama dhalanii, ka garii soddoma dhalan. Yo gurra qabaattan dhagaa” jedhe. Jarii Yesus gara isaa dhufee, “Atin maaf mammaassaan warratti dubbatta?” jedhee gaafate. Yesus warraan, “Waan Mootummaa Waaqaa ka dhossaan ya isan barsiisan, warra ammoo hinbarsiimne. Nama waan guddoo qabu itti daraniif, duuba innii quufeetti hambisa; nama ammoo wa hinqamne diqqoo innii qabuullee irraa fuudhan. Mar. roo waan kanaatiif anin mammaassaan warratti dubbadha. Adoo laalaniillee hin argan, caqasaniillee hin dhagaan, yokaan hin midhaafatan. Tanaaf wantii raagii Isaayaas jedhe ya guutamte. Innii, ‘Inuma caqaftanii ammoo hinubattan; inumalaaltanii ammoo hinmidhaafattan, Garaan gumii tanaa ya daalla'e, gurrii warraalleen yaayyuu duude, akka wa hingarre, ilaallee ya dunuunfatan, akka gurralleen wa hindhageenne, akka garaan wa hinubanne, akka natti deebi'anii, anin hinfayyimne’ jedhe. Isan ammoo ka iltii teessan lafa gartu, ka gurrii keessaniilleen wa dhaga'u la badhaatan. Dhugumaa, waan anin isaniin jedhu, raagaa fi namii qajeelaan hedduun waan isan agartan kana argu fedhee, ammoo argu dadhabe; ammallee waan isan dhageettan kana dhaga'uu fedhee, ammoo dhaga'uu dadhabe” jedhe. Yesus, “Yoos mammaassa nama midhaan facaasuu dhagaa. Namii yo dubbii mootummaa Waaqaa dhaga'ee hinhubatin, hamaan kaan dhufeetti, waan garaa isaa keessatti facaasan kaan keessaa fuudha. Kunin midhaan dhaattuu karaa jige. Midhaan lafa dhakaa gubbaa jige sun nama dubbii dhaga'ee hurrisee gammadaan fudhatu fakkaata. Ammoo hidda hinqabu, haga diqqaa oobsee, yo dhiphuu fi gaargalii marroo dubbii tanaatiif itti dhufu yoosuu gufata. Midhaan qoraatti keessatti facaasan sun nama dubbii dhaga'ee, ammoo herrega lafaatii fi sobii duroomaa dubbii taan ukkaamsee, midhaan dhaluu dhowwu fakkaata. Midhaan biyyee dansaa gubbatti facaasan sun nama dubbii dhageennaan midhaafatee, duuba midhaan dhalu fakkaata; tokko dhibba, kadhibiin jaatama, ka garii soddoma dhala” jedhe. Yesus mammaassa dhibii warratti himee, “Nama sanyii dansaa oobruu ufii keessatti oobre fakkaata. Ammoo adoo abbaan rafuu, nyaaphii isaa dhufee, raafuu jidduu dargaayyetti facaasee, ka'ee itti dhaabate. Dargaayyeen biqillaan midhaan dhalte, jennaan raafuulleen waliin baate. Garbootii abbaatti dhuftee, ‘Aabboo atin sanyii dansaa oobruu tantee keessatti hinfacaamnee? Akkam aramaa qabdi ree?’ jettee gaafatte. Abbaan oobruu ammoo, ‘Nyaapha kiyyatti waan kana tolche’ jedhe. Garbootii taan isaan, ‘Akka nu dhandhee aramnu feetaa ree?’ jette. Abbaan oobruu, ‘Hiyyoo; hegerii adoo aramtanuu dargaayyellee waliin bubuqiftanii. Haga muraansii ga'uutti lachuu ha waliin baatuu. Gaafa muransaa, anin warra muruun; qaraa raafuu walti guuraa walti hidha akka guban, ammoo dargaayyee kodhoo tiyyatti galchaa’ jedhee isaanitti hima” jedhe. Yesus mammaassa dhibii warratti himee, “Mootummaan Waaqaa waan akka guma'a dambii fakkaatti, ka namii tokko fuudhee oobruu ufii keessatti facaase. Innii midhaan cufa irra diqqaa, ammoo eegii ba'e midhaan cufa irra guddateetti muka guddaa ta'a. Duuba simphirreen dhuftee damee irratti mana jaaraatti” jedhe. Ammallee innii mammaassa dhibii warratti himee, “Mootummaan Waaqaa bukoo nadheen fuutee, dargaayyee dhebbee lamaa ta jiisanitti naxxee, cufttii bukooftee olbaati fakkaatti” jedhe. Yesus mammaassaan waan kana cufa warratti haasa'e; mammaassa malee tokkoollee namatti hinhaasoomne. Tunin akka wantii raagii jedhee, ta innii, “Anin afaan kiyya banadheetti mammaassaan dubbadha, anin waan haga laftii uumamtee dhossaan hima” jedhe. Jennaan gumii biraa deemee manaatti galee, jarii isaa gara isaa dhufee, “Mammaassa raafuu oobruu keessaa diideessii nutti himi” jdheen. Yesus ammoo deebisee, “Namii midhaan dansaa facaasu ilma namaati; oobruun lafa tana; midhaan dansaan ilmaan mootummaa Waaqaatii; raafuun ilmaan hamaa kaani; nyaaphii isan facaasee Sheexanaa. Muraansii waan eegii tanaa. Warrii muruulleen ergamtoota gubbaa. Akkuma raafuu walti guuranii ibiddaan guban, akkassuma eegii tanaallee taati. Ilmii namaa ergamtoota ufii ergeetti, warrii mootummaa isaa keessaa waan dabaa cufaa fi warra hammeenna tolchu cufaa walti guuree ibidda balali'u keessatti gata; achitti boo'anii ilkaan qaran. Gaafas jarii qajeelaan akka aduu mootummaa Abbaa warraa keessatti ibsa. Yo gurra qabaattan dhagaa!” jedheen. “Mootummaan Waaqaa akka horii oobruu keessatti dhossaanii jirti, ka namii argate, biyyee irratti deebisee biraa deemee, gammachuu keessa dhaqee waan qabu cufaa gurguree oobruu sun bitate.” Ammallee, “Mootummaan Waaqaa akka naggaadee dooqaa midhaadduu barbaaduu jirti. Ka dooqa tokko ta gatii guddoo arginaan deemee waan qabu cufaa gurguree bitate” jedhe. Ammallee, “Mootummaan Waaqaa akka xuruuraa galaana keessa buussanii, qurxummii gosa cufaa walti guuruu jirti. Ka yo guutame, afaan galaanaatti hirkisanii, tataanii qurxummii gargarii filanii, dadansaa olkeeyyatanii, hamaamtuu gadigatanii. Eegii tanaallee gaafa muummee lafaa akkasuma taati; ergamtootii Waaqaa dhufteetti nama hamaamaa fi dadansaa gargarii baaftee, nama hamaamaa ibidda balali'uutti guurte, achitti boo'anii ilkaan qaran. Waan kana cufa hubattan?” jedhe. Warriilleen, “Ee'ee” jedhe. Yesus warraan, “Tanaaf namii seera beeku ka waan Mootummaa Waaqaa baraatee, akka abbaa warraa ka subba ufii keessaa waan haaraa fi dullattii baasuu jira” jedheen. Yesus mammaassa kana hobbaamnaan achii ka'ee deemee, lafa ufii dhaqee, Mana Waldeennaa keessatti nama barsiise. Namii isa caqase cuftii maadeffatee, “Namichii kunin qalbii tanaa fi humna waan mamaa kanaan tolchu eessaa argate? Kunin ilma namicha wa bocuu kaannitii? Maqaan haadha isaa Maariyamiimtii? Obbooleeyyan isaa Yaaqoob, Yoseef, Simoonii fi Yihudantii? Obbooleeyyan isaa ta dubraa nu waliin jirtiintii? Namichii kunin jabeenna kana cufa eessaa argate ree?” jedhan. Duuba isa quufu'u didanii jennaan Yesus warraan, “Raaga lafa isaatii fi warra isaa keessa malee, fulaa cufaatti inulfeessan” jedhe. Mar. roo warrii dhugeeffachaa hinqamneeef innii waan mamaa achitti hintolchine. Namii bara sun hayyuu lafaa Herodis, waan Yesusiin dhaga'ee, hojjattoota ufiitiin, “Namii kunin Yoh. aannisii nama cuuphuu; innii ya du'a keessaa ka'e; tanaaf waan mamaa kana tolchaa” jedhe. Wantii akkanaatiif Herodis durii waan Herodiyas niitii obbooleessa isaa ta Filiphositii jedhee, Yoh. aannis qabsiisee, hidhee mana hidhaatti galchisiise. Yoh. aannis Herodisiin, “Barachaan atin niitii obbooleessa keetii baraatte aadaaniti” jedhe. Herodis, Yoh. aannis ijjeesuu fedhee, ammoo waan biyyitii Yoh. aannis raaga seeteef sodaate. Guyyaan qaabachaa dhaloota Herodis geennaan intaltii Herodis biyya duratti sirbitee Herodis gammachiifte. Tanaaf Herodis kakaatee, “Waan atin feetu cufaa sii kenna” jedheen. Haatii mala dhoofteefii, isiin dhaxxee, “Mat. aa Yoh. aannisii nama cuuphuu qorii gubbaa kaa'ii naa kenni” jetteen. Herodis laalefatee, ammoo marroo kakuu isaatiif ammallee marroo keessuma isaatiif, “Kennaaf” jedhe. Jennaan nama mana hidaatti ergee, “Mat. aa Yoh. aannisii irraa kutaa” jedhe. Mat. aa isaa qorii gubbaa kaanii intalatti kennaanii, isiin gara haadhaa geesite. Jarii Yoh. aannis dhufee reeffa fuudhee awwaalee, dhaqee Yesusitti hime. Yesus waan kana dhageennaan achii ka'ee hoboloo keessa seenee fulaa namii hinjirre dhaqe. Biyyitii ammoo gara innii jiru dhageennaan dira keessaa miilaan isa hordofte. Innii alaatti baanaan nama hedduu argee, na'eefii nama fayyadhabe fayyise. Laftii galgaloomnaan jarii Yesus gara isaa dhufee, “Fulaan tunin lafa gammoojjiitii, ammallee aduulleen ya dhiitee, ha olloowwan keessa yaanii sagalee bitataan biyya galchi” jedheen. Yesus ammoo, “Warrii yaa'uu hinmallee isanumaan waan warrii nyaatu kennaaf” jedhe. Warrii deebisee, “Nu qixxaa shanii fi qurxummii lama callaa armaa qamna” jedheen. Jennaan innii, “Arma nattin koottaa!” jedhe. Duuba, “Buuyyoo irra tataa'aa” biyyaan jedhee, qixxaa shanii fi qurxummii lamaan taan guuree, gara Waaqaa ol laalee, Waaqaa galata deebisee, qixxaa kaan cacabsee jara ufiitti kennee, jarii biyyaa qoode. Warrii cuftii nyaatee quufe; jennaan jarii isaa hambaa daduu kudhanii lamaa miyyuu walti guure. Nadheenii ijoollee malee, namii nyaate haga kuma shanitii. Jennaan Yesus haga ufii biyya galchu, jara ufitiin, “Hoboloo keessa duudaa galaana taakkaa” jedhe. Eegii biyya galche, Waaqaa kadhachuuf kophaa ufii gaara kore. Laftii galgaloomnaaniillee kophuma ufii taa'e; ammoo yo sun hoboloon yaayyuu jidduu galaanaa geette, dhawaan olii gad hoboloo dadarbitee, bubbeen dudda duubaa dhiibde. Baraaqa Yesus bisaan gubbaa deemaa fulaa warraa dhufe. Jarii isaa ammoo Yesusii galaana gubbaa deemu arginaan rifatee, “Ekeraa” jedhee sodaatee iyye. Yesus ammoo yoma sun warratti dubbatee, “Hinsodaatinaa garaa jabaadhaa!” jedhe. Jennaan Phexros, “Aabboo! Yo dhuguma si taate, ‘Bisaan gubbaa deemii kootti!’ naan jedhi” jedheen. Yesus, “Kootti!” jedheen. Duuba Phexros hoboloo keessaa bu'ee, bisaan gubbaa gara Yesus deeme. Ammoo bubbee arginaan sodaatee, ka diqqumaa bisaan keessa hinlixin iyyee, “Aabboo, na baas” jedhe. Yoma sun Yesus harka diriirfatee isa qabee, “Dhugeeffachaan tantee diqqoo! Maaf sodaatte?” jedheen. Warrii lachuu hoboloo keessa duunnaan bubbeen callifte. Jarii hoboloo keessa jiru isa guddisee, “Atin dhuguma ilma Waaqaati” jedheen. Galaana taakkanii lafa Genesaarex dhufan. Warrii lafa sunii Yesus hubanaan reera sunitti dhaamsa ergee nama dhukkuba qabu cufaa isattiin dhufan. Warrii dhukkuba qabu akka handaara wayaa isaa callaa tuqu isa kadhatee jennaan namii tuqe cuftii fayye. Jennaan Fariisotaa fi jarii seera beeku Yerusaalemii ba'ee gara Yesus dhufee, “Jarii kankee maaf aadaa jaarrolee cabsa? Yo sagalee nyaatu harka hindhiqatuu” jedheen. Yesus deebisee, “Isan maaf aadaa teessan gula yaatanii, akkasiin seera Waaqaa cabsitan. Waaqii, ‘Haatetii fi abbeetii saalfadhu; nama haadhaa fi abbaa ufii arrabsu ha ijjeessanii!’ jedha, Isan ammoo, ‘Namii yo silaa haadhaa fi abbaa ufiitiin, waan silaa narraa argattan yaayyuu Waaqaa kennan jedhe, innii waan abbaa ufiitii saalfatuuf hinqabu’ jettan. Tanaaf marroo aadaa teessanitiif yaayyuu seera Waaqaa cabsitan. Isan kiyyibdoolee! Isaayaas gaafa waan keessan hime, dhugaa dubbate! ‘Biyyitii tunin afaanumaan na guddifti, garaan warraa ammoo narraa fagoo jira, ufumaa na yaammatti, wantii akkanaatiif barsiisa ufii keessa seera namaa akka seera Waaqaa barsiisan.’ jedha” jedheen. Jennaan Yesus biyya ufiitti yaame, “Caqasaa, hubadhaa! Waan afaan namaa keessaa ba'aa malee wantii afaan namaa seenaa nama hinxureesitu” jedheen. Jarii Yesusiin gara isaa dhufee, “Fariisootii waan kana dhageennaan ya dallanttee, beettaa?” jedheen. Innii, “Muka Abbaan kiyya ka Waaqaa gubbaa hinoobrin cufa inbuqisan; waan warraa lakkii! warrii ballaa, namii ballaan yo ballaa dhibiin deeme, warrii lachuu boolla keessa bu'a” jedhe. Jennaan Phexros deebisee, “Mammaassa kana nuu diidesse” jedheen. Yesus ammoo deebisee, “Isaniilleen ammallee hubachaa hinargannee? Akka wantii afaan seenaa garaatti dabartee gad baatu hinbeettanii? Wantii afaan keessaa ba'aa, ammoo herrega garaa keessaa dhufti, sunitti duuba nama xureessa. Garaa keessaa herrega hamaa, ijjeechaa, walbarachaa, caphanummaa, hanna, dharaa fi arrabatti ba'a. Waan kanatti nama xureessa malee, harka xuritiin nyaachuun nama hinxureesitu” jedheen. Yesus achii ka'ee lafa Xiiroosii fi Sidoon dhaqe. Niitii gosa Kana'aan tokko iyyaa dhuftee, “Ee Aabboo, ilma Daawiti, naa na'i, intala tiyya yaayyuu jinniin akka hamaa qabattee” jette. Yesus ammoo deebisuuf dide. Jarii isaa dhufee, “Niitii tana armaa deemsis, nugula deemteetti nutti iyyitii” jedheen. Yesus ammoo, “Gara hooliyyee baddee ta mana Israa'el callaatti na ergan” jedheen Niitiin taan ammoo dhuftee isa duratti jilbiiffattee, “Aabboo, na qarqaar” jetteen. Jennaan Yesus, “Sagalee ijoollee duraa fuudhanii saree dura buusuun aadaaniti” jedheen. Niitiin taan, “Aabboo, sun dhugaa ammoo sareelleen hambaa abbaa irraa jijiddu hin nyaattuu” jette. Jennaan Yesus, ''Adoo, dhugeeffachaan tantee waan guddoo, wantii atin feetu ha sii taatuu” jedheen. Jennaan intaltii isii yoma sun fayyite. Yesus achii deemee dhaattuu galaana Galiilaa dabree, gaara koree achi taa'e. Namii hedduun isatti dhufe, naafaa, ballaa, farraa, duudaa fi nama dhukkuba gosa hedduu qabu ittiin dhufanii jennaan, innii warra fayyise. Tanaaf biyyitii duudaa dubbatuu, farra fayyuu, naafa deemuu fi ballaa lafa argu arginaan maadeffattee, Waaqaa Israa'el guddifte. Jennaan Yesus jara ufii yaamee, “Waan biyyitii tunin guyyaa sadii na waliin teetteef waan nyaattuu dhabdeef anin warraa kanaa na'a; anin akkanumatti warra gad dhiisuu hinfedhu, hegerii beelaan karaatti gagagabanii” jedhe. Jarii isaa, “Sagalee warra geettu lafa gammoojjii tana keessaa eessaa argina ree?” jedhee gaafate. Jennaan Yesus, “Qixxaa hagam qabdan?” warraan jedhe. Warrii, “Nu qixxaa torbaaf qurxummii didiqqoo tokko qamna” jedheen. Yesus biyyaan, “Lafa tataa'aa” jedhe. Qixxaa torbaanii fi qurxummii guuree, eegii galata deebisee cacabsee, jara isaatti kennee jarii biyya dura naqe. Namii cuftii nyaatee quufee, hambaa daduuu torba miyyuu guuran. Nadheenii ijoollee malee, namii nyaate haga kuma afuriiti. Duuba Yesus biyyaan, “Nagaatti” jedhee hoboloo keessa seenee, gara lafa Magadaan dhaqe. Fariisotaa fi Saduqootii akka silaa ilaallattu gara isaa dhuftee, “Akeeka Waaqaa gubbaa nu garsiisa” jetteen. Yesus deebisee warraan, “Yo aduun dhiitee galchuun diimate, ‘Bor bokka'ii hinroobu’ jettan. Diirama ammoo, waan duumansii gurraatta'ee dhudhuffa'eef ‘Bokka'ii in rooba’ jettan. Isan waan gubbaa hinbeettanii, ammoo akeeka bara kanaa gargarii barachuu inbeettan. Dhalootii hamaan Waaqaa didu kunin akeeka mamaa, barbaada ka Yoonaasii male akeekii mamaa ka anin nama garsiisu hinjiru” jedheen. Duuba ka'ee warra biraa itti dhaabate. Jarii isaa gama galaanaatti taakkinaan, qixxaa tokkoollee fudhachuu dedhe. Yesus warraan, “Bukoo Fariisotaa fi ta Saduqootaa eegadhaa” jedhe. Jennaan jarii isaa waliin haasa'ee, “Nu qixxaan hindhumne” jedhe. Yesus waan kaan beennaan, “Dhugeeffachaan teessan waan diqqoo. Maaf, ‘Nu qixxaa hinqamnu’ jettanii haasoftan? Isan ammallee hinhubattanii? Qixxaa shan ka namii kuma shanii nyaatee, hambaa daduu hagam akka walitti guurtan hinqaabattanii? Yokaan qixxaa torbaan ka namii kuma afurii nyaatee hinqaabattanii? Ammallee hambaa daduu hagamii walitti guurtan? Akkam akka anin waan qixxaa dubbachuutti hinjirre hinhubanne ree? Bukoo Fariisootaa fi ta Saduqootaa eegadhaa” jedhe. Jennaan akka innii Bukoo qixxaa ta Fariisootaa fi ta Saduqootaa hinbaannee, ammoo barsiisa Fariisootaa fi ta Saduqootaa eegadhaa jedheen hubatan. Duuba Yesus lafa Qiisaariyaa Filiphos dhumnaan, “Biyyitii, ilma namaatiin eennu jetti?” jedhee jara ufii gaafate. Jennaan warrii, “Hagii tokko, Yoh. aannis nama cuuphu jette, ta garii, Eliyaas jette, ta garii, ammoo Ermiyaas yokaan raaga durii tokko jette” jedhe. Jennaan Yesus warraan, “Isan ammoo eennu naan jettan?” jedhe. Simoon Phexros deebisee, “Atin Kiristoos, ilma Waaqaa jiruuti” jedhe. Yesus isaa deebisee, “Kaayooteeti, Simoon, ilma Yoonaa. Nafaa fi dhiigii waan kana sitti hinmullimne, ammoo Abbaa kiyya ka gubbaa jiruutti sitti mullise. Anin sitti himaa maqaan kee Phexros yokaan dhakaa, anin dhakaa kana gubbatti gumii tiyya jaara. Dooti dandeettee jabeennaan si hindabsattu. Furaa Mootummaa Waaqaa sitti kenna; waan atin lafa tana irratti hiite Waaqaa gubbaalletti hidhan, waan atin lafatti hiikte Waaqaa gubbaalleetti hiikan” jedhe. Jennaan Yesus jara ergamtoota isaa cufaatti seeree, “Akka anin Kiristoos nama tokkoolleetti hinhiminaa” jedheen. Eegii sun Yesus diideessee jara ufiitti himee, “Anin Yerusaalem dhaquu male. Harka jaaroleetti, harka qaallolee gugurdootii fi jara seera beekuutti gaargala. Ammallee na ijjeessanii, guyyaa sadeessoo ka'uu male” jedhe. Jennaan Phexros kophaatti yaamee, “Waaqii sii didinna, Aabboo, wantii kun ta'uu hinmalle” jedheen. Yesus ammoo garagalee, “Na biraa deem, Sheexana; atin na gufachiiftaa, herregii kee ka namaa malee ka Waaqaatiinitii” jedheen. Jennaan Yesus jara ufiitiin, “Namii tokkoolleen yo na gula deemuu fedhe ha ufii mormatee, fannoo ufii baatee na gula deemuutii. Wantii akkanaatiif namii jireenna ufii baasuu fedhu cuftii hindhaba; namii ammoo jireenna ufii naa jedhee balleessu inargata. Yo waan lafaa cufa argatte ammoo jireenna ufii dhaban, maan namaa baati? Namii maan danda'ee gatii jireenna ufiitii baasa? Ilmii namaa ergamtoota ufii waliin guddinna Abbaatiin dhufuu jira, nama cufa duuba hujii isaa gula waan isaa malee kennaaf. Dhugumaa, waan anin isaniin jedhu, jara arma ejaajju kana keessa nama haga ilmii namaa guddinna ufiitiin dhufuutti hindooneetti jira” jedhe. Eegii guyyaa ja'aa Yesus Phexrosii fi Yoh. aannisii, obbooleessa isaa Yaaqob yaamee, gaara dheeraa tokko gubbaa korsiise. Warra duratti jijjiirame, fuulii isaa akka aduu ibsee, wayaan isaa akka ibsee addaatte. Jennaan Musee fi Eliyaasas warratti mullattee Yesusiin wal haasofte. Phexros Yesusiin, “Aabboo arma jirrachuun keenna guddoo dansaa. Yo atin feete, bultoo sadii armaatti jaara; tokko teeti tokkoo ta Museeti taalleen ta Eliyaasasiiti” jedhe. Adoo innii dubbatuu, duumansii adiin tokko warratti gollee, qoonqoon duumansa keessaa, “Kunin ilma kiyya ka anin jaaladhu, ka na gammachiisuu, dubbii isaa caqasaa” jette. Jarii isaa qoonqoo taan dhageennaan guddoo sodaatee fuula lafatti deeffatee jige. Yesus ammoo dhufee, warra tuqee, “Kakka'a, hinsodaatinaa!” jedheen. Mat. aa olfudhatanii jennaan Yesus calla argan. Adoo gaara irraa gad bu'uu jiranuu, Yesus, “Waan argitan kana nama tokkolleetti hinhiminaa haga ilmii namaa du'a keessaa ka'utti” warraan jedhe. Jennaan jarii isa gaafatee, “Jarii seera beeku maaf Eliyaasas isa duratti dhufuu male jedha?” jedheen. Yesus ammoo deebisee, “Dhugumaa, qaraa fiixee Eliyaasiitti dhufee waan cufa duratti midhaasa. Ammoo waan anin isaniin jedhuu, Eliyaas ardhaa kalee indhufin, namii ammoo hinbeennee, homa fedhe isa tolcha. Akkasuma ilmii namaalleen harka warratti gaargala” jedhe. Jennaan warrii akka Yesus waan Yoh. aannisii nama cuuphuu dubbate hubate. Biyyii baanaan, namichii tokko isatti dhufee, duratti jilbiifatee, “Aabboo, gurba kiyyaa naa na'i, innii gagabduu qaba, guddoo isa gargalchite. Yo cufa ibidda keessatti jiga yokaan bisaan keessatti jiga. Jara keetti dhufee jennaan fayyisuu dadhaban” jedhe. Yesus deebisee, “Ee warra dhugeeffachaa hinqamne, ka homaa hinbeenne, haga yoomii isan waliin taa'uu male? Haga yoom obsa? Garana nattiin koottaa!” jedhe. Yesus jinniin lolee, jinniin gurbaa keessaa baatee, gurbaan yoma sun fayye. Jennaan jarii Yesusii kophaatti isatti dhufee, “Nu maaniif jinnii sun baasuu dadhamne?” jedhee gaafate. Jennaan Yesus deebiseefii, “Mar. roo dhugeeffachaa diqqoo qabdaniif! Anin dhuguma isaniin jedhaa, yo dhugeeffachaa diqqoo haga guma dambii qabaattanii, gaara kanaan, ‘Armaa buqa'ii, fulaa dhibii deem’ jettanii, inbuqa'a; wantii isan dabsataa hinjirtu. Ammoo kadhachaa fi ufii agabsiitii callaatti jinnii akkaanaa tana baasa, wantii dhibiin dandeettee hinbaaftu” jedhe. Jarii isaa cuftii Galiilaatti walitti dhumnaan Yesus warraan, “Ilmii namaa dabarsaniitti harka nyaaphaatti kennaanii, isa ijjeesan, ammoo guyyaa sadeessoo du'a inka'a” jedhee jennaan jarii guddoo laaleffate. Qifirnaahom dhumnaan warrii gibira mana Waaqaa guuru gara Phexros dhufee, “Barsiisaan keessan gibira mana Waaqaa hinbaasuu?” jedhee gaafate. Phexros deebisee, “Hinbaasa” jedheen. Akkuma Phexros mana seeneen, Yesus, “Simoon, atin maan seeta? Hayyootii lafaa gibiraa fi qaraxa eennu irraa guurti? Abbootii lafaa moo nama dhibii irraa guurti?” jedhee isa gaafate. Phexros, “Nama dhibii irraa guurti” jedheen. Yesus deebisee, “Yo akkas taate, abbootiin lafaa homaa hinbaaftu. Taatuulle, nu warra kana dallansiisuu hinfeenu. Gara galaanaa, dhaqii, xuruuraa keessa buus, duuba qurxummii qaraa qabdu fuudhii, afaan isii gargarii qabi, beessee keessatti argitaa. Beesee sun fuudhii naa fi sillee baasi” jedheen. Yo sun jarii Yesus gara isaa dhufee, “Mootummaa Waaqaa keessa nama cufa eennuutti irra jira?” jedheen. Yesus gurbaa diqqaa tokko yaamee, jidduu warraa teesisee “Ilaalaa, yo jijjiiramtan akka ijoollee didiqqoo tanaa taatan malee, Mootummaa Waaqaa diqqoollee hinargattan. Nama akka daa'iima kanaa ufi diqqeessuutti Mootummaa Waaqaa keessatti nama cufaa irra guddaa. Namii marroo maqaa kiyyaatiif daa'iima akkanaa dhi'eessu cuftii na dhi'eessa” jedhe. “Namii ammoo fulaa ijoollee didiqqoo akkanaa tana wallaalchisu, yo silaa dhakaa daakuu morma isatti hidhanii, dhimphuu galaanaa keessa buusan, irra wayya. Gaargala lafaati, marroo wantii nama gufachiisaa hedduun jirtuuf. Wantii akkanaa kun yo cufa injirti, ammoo gaargala warra waan kanaan dhufeete.” “Yo harkii kee yokaan miilii kee si wallaalchise, ufirraa kutii gati! Fulaa harka lamaaniif fi miila lamaan qabaattee ibidda hegerii keessa si buusan mannaa yo okkoltee, yokaan naafattee jireennaa jiruu hegerii argatte, irra sii wayya. Yo iltii tee si wallaalchifte, ufi keessaa baasii gati! Fulaa ila lamaanuu qabaattee ibidda keessa gad si gatan mannaa yo ila tokkoon jireenaa jiruu hegerii argatte irra sii wayya” jedhe. “Maan seetaan? Namii hooliyyee dhibba tokkoo qabu, yo tokko bade, sagaltamii sagallan taan dheedatti lakkisee, tokkocha bade kaan barbaaduu hindhaquu? Duuba yo argate, anin dhuguma, isanitti himaa, innii hooliyyee sagaltamii sagallan ta takka hinbadin taan irra, hoolaa tokkocha badee gale kanaaf gammada. Akkasumaa ijoollee didiqqoo tana keessaa tokkoolleen baduun fedhii Abbaa keessan ka Waaqaa gubbaatiiniti” jedhe. Yesus ammallee itti dabree, “Yo obbooleessii kee sitti dabe, kophaatti yaamii gorsi. Yo innii dubbii tee dhaga'ee, atin obbooleessa keetii ya waan guddoo taate. Ammoo yo innii si dhaga'uu dhibaate, nama tokkoo lama yaamii, akka dubbiin cuftii dhugaa nama lamaa sadii taatinu. Yo innii dubbii warraa dhaga'uu dhibaate gumii baasan; ammallee yo innii gumii Waaqaa caqasu dide, akka warra Waaqatti hindhugeeffaneetii fi akka nama qaraxa guuruutti herregan.” “Anin dhuguma, isaniin jedhaa, waan isan lafa tana irratti hiitan, Waaqaa gubbaalletti hidhan; ammallee waan isan lafaatti hiittan Waaqaa gubbaalletti hiikan.” “Ammallee waan anin isaniin jedhu, yo isan namii lama lafa tana irratti waldhaxxan Abbaan kiyya ka Waaqaa gubbaa waan isan kadhattan isanii kenna. Yo namii lamaa sadii wal walwalda'ee maqaa kiyyaan kadhate, anin jidduu warratti inargama” jedhe. Phexros gara Yesusii dhufee, “Aabboo, yo obbooleessii kiyya natti dabe, anin marroo hagam araaramaaf? Mar. roo torbaa?” jedheen. Yesus deebisee, “Anin marroo torba siin hinjedhuu, ammoo torbaatama marroo torba” jedheen. Yesus itti dabree, “Mootummaan Waaqaa, hayyuu tokko, ka henna garboota ufii hobaafachuu fedhe fakkaata. Herrennaan namicha tokko ka gatii isaa horii muumme hinqamne qabu isaatiin dhufan. Innii baasuu dadhamnaan, hayyuun kaan akka isaa fi waan innii qabu cufa, niitii isaatii fi ijoollee isaallee gurguranii gatii sun baasan mure. Garbichii kaan miila abbaa ufii duratti jigee, ‘Aabboo kiyya diqqoo naa obsi waan cufa sii baasaa’ jedhee kadhate. Abbaan kaan na'eefii gatii cufa lakkiseefii, been deem” jedheen. “Namii kaan achii deemnaan, hojjataa waahela isaa tokko ka gatii isaa diqqoo tokko qabu argee, ‘Gatii tiyya naa baasi’ jedhee hudhee qabe. Waahelii isaa kaan miilatti jigee, ‘Abboo sii baasaa diqqoo naa obsi’ jedhee kadhate. Innii ammoo didee, haga innii gatii isaa baasuutti hindhansaa keessa isa buuse. Garbichii dhibiin waan kana arginaan guddoo laaleffatee, dhaqee abbaatti hime. Abbaan kaan hojjataa kaan yaamee, ‘Atin hojjataa homaa hinbaane, anin gatii tiyya ta atin qabdu cufa, marroo atin na kadhatteef sii lakkise. Akkuma anin sii na'e atilleen garbicha waahela keetii sunii na'uu malte’ jedheen. Abbaan guddoo dallanee, haga innii gatii isa irra jirttu cufa baasuutti, hojjataa kaan mana hindhansaa keessa buuse. Tanaaf yo isan garaa keessan keessatti obbooleeyyan teessanii hinarraaramnee, Abbaan kiyya ka Waaqaa gubbaalleen akkasuma isan tolcha” jedhe. Dubbii taan buufannaan, Yesus Galiilaa keessaa ba'ee, lafa Yihudaa ta moggaa galaana Yordanos dhaqe. Gumiin guddoon isa gula yaatee, achitti innii warra fayyise. Fariisotii garii isa laalachuuf gara isaa dhuftee, “Namii niitii ufii yo lakkise aadaa moo aadaaniti?” jettee gaafate. Jennaan Yesus, “Akka Waaqii qaraa fiixee dhiiraa fi nadheen uume, isan barreessii keessatti hindubbimnee?” jedhe. Ammallee itti ida'ee, “Mar. roo waan kanaatiif dhiirtii abbaa fi haadha ufii lakkiftee niitii ufiitiin takkaa taati, warrii lamaan takkaa ta'a. Warrii amma nama lamaanitii nama tokko male. Tanaaf waan Waaqii tokko tolche namii gargarii baasuu hinmale” jedhe. Jennaan Fariisotii, “Museen maaf, ‘Namii yo waraqata lakkisuun niitii ufiitti kenne isii lakkisuu indanda'aa’ jedhee ree?” jedhanii Yesus gaafatan. Innii deebisee warraan, “Museen marroo jabeenna mataa keessanitiif akka lakkisanii ‘Ee'ee’ jedhee malee gaafa uumamaa akkanaaniti. Anin isanitti himaa, namii yo niitii ufii ta dhiira dhibii hinbaratin lakkisee nadheen dhibii fuudhee, ya seera Waaqaa cabse” jedheen. Jarii Yesus isaan, “Yo wantii dhiirsaa niitiituu akkana taate, yo nadheenuu fuudhu baatan irra dansaa” jedhe. Yesus deebisee, “Gorsa kana warra Waaqii kenneef callatti gula yaa'uu danda'a malee, namii cuftii gula yaa'uu hindanda'u jedhe. Wantii namii nadheen hinfuuneef hedduu jira, hagii garii marroo akkasuma dhalateef, ka garii marroo namii akkas warra tolcheef, ka garii marroo Mootummaa Waaqaatiif nadheen hinfuune. Namii danda'u ha gorsa kana fudhatuutii!” jedhe. Namii garii akka Yesus harka irra kaa'ee kadhatuuf ijoollee didiqqoo gara isaatiin dhufee, jarii isaa ammoo warra dhowwe. Jennaan Yesus, “Ijoolleen ha gara kiyya dhuftuutii hindhowwinaa, Mootummaan Waaqaa ta nama akkanaa tanaa” jedhe. Yesus harka ufii ijoollee irra kaa'ee duuba ka'ee achii itti dhaabate. Gaafa tokkoo, namichii tokko gara Yesus dhufee, “Barsiisaa, anin akka jireenna barabaraa argadhu waan dansaa akkam tolchuu male?” jedhee gaafate. Yesus ammoo, “Waan waan dansaa maaf na gaafatta? Namii dansaan tokko callaa, yo jireenna argachuu feete seera cufa guuti” jedheen. Jennaan namichii kaan, “Seera kamfaa?” jedheen. Yesus deebisee, “Hinijjeesin, niitii namaa hinbaratin, hinhatin, hinkijibin, Haateetii-Abbeetii saalfadhu, akkuma ufi jaalattu namaallee jaaladhu!” jedheen. Namichii kaan, “Anin seera kana cufaa ya guutee, wantii dhibiin anin tolchuu male maal?” jedheen. Yesus ammallee itti deebisee, “Yo dhuguma qixxee ta'uu feete, waan qabdu cufa gurgurii, warra hiyyeeyyii qood, duuba durooma Waaqaa gubbaa argattaa! Koottii na gula deem” jedheen. Namichii kaan dubbii taan dhaga'ee jennaan, waan guddoo dureessa ta'eef akka hamaa laaleffatee ka'ee itti dhaabate. Eeguma sun Yesus jara ufitiin, “Anin dhuguma isanitti himaa namii dureessii Mootummaa Waaqaa argachuun guddoo jabduu. Ammallee isanitti himaa fulaa dureeyyiin Mootummaa Waaqaa argattuu yo gaalii qaa'aa limmee keessaan dabru irra laafti” jedhe. Jarii isaa waan kana dhageennaan guddoo mamee, “Eentu danda'ee baafama ree?” jedhe. Yesus warra laalee, “Namii hindanda'uu, Waaqii ammoo waan tokkoollee hindadhabu” isaaniin jedhe. Jennaan Phexros, “Laal, nu ya waan cufa lakkimnee si gula yaanee, amma maan arganna ree?” jedheen. Yesus deebisee warraan, “Anin dhuguma isanitti himaa, gaafa ilmii namaa bara haaraa barcumaa guddinna ufii irra taa'uu, isaniin kudhanii lamaan kunilleen barcumaa guddinnaa irra teteettanitti, gosa Israa'el ta kudhanii lamaa cufaatti dubbii murtan. Ammallee namii mana, obbooleessaa, obbooleettii, abbaa, haadha, ilmaanii fi oobruu, marroo tiyyaaf lakkise, marroo dhibba tokkoo deebisaniif, jireenna hegeriillee inargata. Ammoo namii hedduun ka amma nama duraa, nama eegee ta'a, ka amma nama eegee ammoo nama duraa ta'a” jedhe. Yesus, “Mootummaan Waaqaa akka abbaa oobruu Waynii, ka ganamaan lafaa ka'ee, nama hujii qaxaruu barbaaduu jirti. Akka beesee hujii guyyaa tokkoo guyyaatti kennuuf waldhaqee, oobruu Waynitti warra erge. Gara saatii sadii fulaa gabaa dhandhaan, nama hujii hinqamne ka achii ejaajju argee ‘Dhaqaa oobruu tiyya ta Waynii keessa hojjadhaa, horii isanii baasaa’ jedhee warrii ka'ee yaa'e. Saatii ja'aa fi sagaliillee akkasuma tolche. Gara saatii kudhanii tokkoo kanaallee gabaa dhandhaan nama dhibii hujii hinqamne argee, ‘Isan maaf guyyaa kana cufa ka homaa hinhojjanne arma ejaajjitan?’ jedheen. Warriilleen, ‘Waan namii tokkoolleen hujii nu hinkeniniif arma ejaajjina’ jedhe. Innii deebisee, ‘Yoos isaniilleen dhaqaa, oobruu tiyya keessa hojjadhaa’ ” jedheen. “Laftii galgaloomnaan abbaan oobruu Wayinii guddaa hojjattootaatiin, ‘Hojjattoota Yaamii, warra eegeeti itti keeyadhuu, haga ka qaraa horii baasiif’ jedhe. Warrii saatii kudhanii tokkoo barreessan kaan dhumnaan beesee hujii guyyaa tokkoo argate. Warrii qara ganamaan maqaa barreessan kaan waan hagas irra argatuu ufii se'ee dhumnaan beesuma haga warra kaanii kennaanii callaa argate. Horii fudhatanii tuffataanii abbaa waynitti gungumaanii, ‘Warrii eegee barreessan kunin diquma tokko hojjatee, nu ammoo guyyaa kana cufa aduu tana keessa oollee, atin duuba homa warraa kennite nullee kennitaa!’ jedhaniin. Abbaan oobruu jara sun keessaa nama tokkoon, ‘Abboo, caqas, anin si hindabsine, atin akka hojjattee beesee hujii guyyaa tokkoo argattu “Ee'ee” jetteenitii? Amma horii kee fudhadhuu gali! Anin homa sii kenne warra eegee kaallee kennu fedhaa. Anin horii kiyya waan fedhu hintolchuu? Yokaan waan anin arjaa ta'eef na qoxxiftaa?’ ” jedheen. Jennaan Yesus, “Namii duraa ka eegee ta'a, ka eegee ammoo ka duraa ta'a” jedhe. Adoo Yerusaalem deemuu jiruu, Yesus jara ufii kudhanii lamaan karaa keessaa kophaatti yaamee, “Caqasaa, nu Yerusaalem yaa'uu jira, achitti ilma namaa harka qaallolee gugurdootii fi harka warra seera beekutti kennaan, warrii du'a itti muree, harka gosa dhibiitti kenna, isa gooyyeessanii, lichoon dhaanaanii, mukatti fannisan, guyyaa sadeessoo ammoo isa kaasan” isaaniin jedhe. Haatii ijoollee Zabdewos ilmaan ufii Yesusittiin dhuftee, duratti gad jettee wa kadhatte. Yesus, “Maan feeta?” jedhee gaafate. Isiin, “Akka ilmaan tiyya tunin lamaan, Mootummaa tee keessatti, harka kee ka mirgaatii fi ka bitaallee teteettu fedha!” jette. Yesus warraan, “Isan waan kadhattan hinbeettan, isan dandeettanii muduunuu anin keessaa dhuguun indhuddanii?” jennaan, isaan, “Indandeenna” jedhan. Inniilleen, “Dhugumaa muduunu tiyya keessaa dhuddan, ammoo anin jabeenna nama harka kiyya mirgaa fi bitaachaatiin ta'uu foohadhu hinqabu; fulaan tunin tama warra Aabboon kurfeesseefii” jedhe. Jarii kudhannan kaan waan kana dhageennaan obbooleeyyan taan lamaanitti dallane. Yesus ammoo warra cufa walti yaamee, “Isan akka jarii gugurdaan gosa dhibiitii fi jarii lafa fidu jabeenna qabu inbeettanii; Isan ammoo akkasiiniti. Namii tokko yo guddaa ta'uu fedhee, ha hojjataa nama cufaa ta'uutii. Ammallee namii ka duraa ta'uu fedhuu ha hojjataa keessan ta'uuti. Akkuma ilmii namaa, akka namii isa hojjattuuf hindhufne, ammoo akka namaa hojjatee, jireenna ufii marroo nama hedduutiif baasu dhufe” jedhe. Adoo warrii Yerikoo keessaa ba'uu jiruu, gumiin guddoon Yesus gula yaate. Jarii ballaan lamaan tokko ka dhaattuu karaa tataa'uu, akka Yesus karaa sungula deemu dhageennaan iyyanii, “Ilma Daawiti, nuu na'i” jedhan. Gumiin warra dhowartee, callisaa! Warraan jette. Yesus ejjee warra yaamee, “Akka anin maal isanii tolchu feetan?” jedhe. Warrii, “Si ila nuu bantu feenna!” jedhan. Yesus warraa na'e, ila warraa tuqe, hojjuma sun lafa arganii isa gula yaa'an. Yerusaalemitti dhi'annaan Betfaagee, fulaa Gaara Ejersaa jedhan dhufan. Achitti Yesus dhaamsa kanaan jara ufii lama erge, “Ollaa nu duraa sun dhaqaa, harree bukura isii waliin mukatti hidhan gartanii, hiikaa nattiin koottaa! Yo namii tokkoolleen wa isaniin jedhee, ‘Mootichaatti barbaada’ jedhaa, innii hurriseetti ergaa!” jedheen. Tun akka wantii raagii jedhe, guutamtuuf taati; “Dira Xiyoonitiin, hayyuun kee sitti dhufuu jira, innii nama laanaa, harree yaabata, innii bukura harree irra taa'ee si dhufa jedhan” jedhe. Jarii sun deemee waan Yesus jedheen tolche, harree fi bukura isiilleen dhufe, wayaa ufii rara tolchanii, Yesus yaabbate. Gumiin guddoon wayaa ufii karaa keessatti aftee, namii garii ammoo damee mukaa ciree karaa irra harcaase. Gumiin Yesus dura yaatuu fi ta duuba yaatu iyyitee, “Ilmii Daawiti ha guddifamuu! Ka maqaa Aabbootiin dhufu ha eebbifamuu! Waaqaa guddaa gubbaa ha guddisaanii!” jette. Yesus Yerusaalem seennaan dirii cuftii walti ka'ee, “Kunin eennu?” jedhan. Gumiin taan, “Innii raaga Yesus jedhan ka Naazireetii Galiilaa keessaa dhufe” jette. Yesus mana Waaqaa olseenee, warra keessatti wa bitaatuu fi ka wa gurguratuullee cufa hadhee, xereepheessaa warra beesee jijirutii fi barcumaa warra sabaliisa gurguruu cufa garagalchee, “Barreesii qulqulloo keessatti, ‘Mana kiyya mana kadhaa’ jedhanii yaaman; isan ammoo goda hattuu tolchitan” jedhe. Naafaa ballaan cuftii mana Waaqaa keessatti isatti dhufee, innii warra fayyise. Qaallolee gugurdoo fi barsiisotii seeraa, waan dansaa innii tolche argitee, ijoollee mana Waaqaa keessatti iyyitee, “Ilmii Daawiti ha guddifamuu” jettu dhageennaan dallante. Warrii Yesusiin, “Waan warrii jedhu dhageettaa?” jennaan innii, “Indhagaa jedhee, barreessii keessatti jecha, ‘Isan ya ijoollee fi daa'immaan akka warrii galataa deebisu barsiiftan’ jedhu takka hindubbimnee ree?” jedhe. Yesus warra biraa deemee, Bitaaniyaa dhaqee achi bule. Yesus diirama lameessoo, adoo diraatti deebi'uu jiruu beela'e. Odaa tokko dhaattu karaatti argee jennaan dhaqee, baala malee homaa irraa dhabee, “Itti deebitee midhaan hindhalin” jedheen. Yoma sun mukii kaan goggoge. Jarii isaa waan kana argee jennaan mamee, “Odaan eessaa akkana hurrisee goggoge?” jedhanii walgaafatan. Yesus deebisee, “Dhugumaa, waan anin isaniin jedhu, isan yo dhugeeffattanii waljajjii keessa hinjirre, dandeettanii waan anin mukaa odaa kana tolche intolchitan. Tana callaanii, ammoo yo gaara kanaalleen, ‘Ka'ii, galaana keessa bu'i’ jettan, duuba intaati. Yo dhugeeffattan waan kadhattan cufa inargattan” jedheen. Yesus mana Waaqaa olseenee, adoo nama barsiisuu, qaalloolee gugurdoo fi jarii gugurdaan Yihudii isatti dhufee, “Atin jabeenna kamiin waan kana tolchita? Eentu jabeenna kana sii kenne?” jedheen. Yesusiileen, “Anilleen gaafii tokkoo isan gaafadhaa, yo isan naa deebiftan, anilleen jabeenna waan kana tolchuun isanitti hima. Cuuphaan Yoh. aannis eessaa dhufte? Waaqaa biraa dhufte moo nama biraa dhufte?” jedhee gaafate. Warrii walmormee, “Maan jenna? Yo nu Waaqaa biraa dhufte jennee innii, ‘Maaf Yoh. aannis hindhugeeffatinaa ree?’ nuun jedha. Yo nu nama biraa dhufte jenne, waan namii cuftii Yoh. aannis raaga se'uuf nu biyya sodaanna” jedhan. Tanaaf warrii Yesusiin, “Nu hinbeennu” jedhe. Inniilleen warraan, “Yoos anilleen jabeenna waan kanaan tolchu isanitti hinhimu” jedheen. “Isan maal seetan? Nama ilmaan lama qabuutti jira. Innii gara hangafaa dhaqee, ‘Ardha oobruu Waynii dhaqii keessa hojjadhu’ jedheen. Gurbaan kaan, ‘Anin hindeemu’ jedhee ammoo eegee herrega ufii jijiratee ka'ee deeme. Abbaan gara ilma mandhichaa dhaqee akkasuma jedheenii innii, ‘Aabboo, eejedhe indhaqaa’ jedhee ammoo dhaqu dide. Warra kana lamaan eentu fedhii abbaa ufii guute? jedheen. Jennaan ‘Angafticha’ ” jedhaniin. Yesus ammoo warraan, “Warrii shaarmuxaatii fi warrii qaraxa guuru isan duratti Mootummaa Waaqaa argata. Yoh. aannisiin nama cuuphu dhufee karaa qajeelumaa isan garsiisee, isan ammoo dhugeeffachu diddanii, warrii qaraxaa guuruu fi warrii sharmuxiilleen isa dhugeeffate. Eegii waan kana gartaniillee, qalbii teessan garagalchitanii isa dhugeeffachuu diddan” jedheen. Mammaassa tokko dhibii caqasaa. “Abbaa oobruu tokkoo jira ka oobruu Waynii oobratee, dallaan marsee, fulaa Waynii itti cacarasanii fi doofii oobruu jaarrate. Oobruu ufii harka namatti lakkisee, himaltuu dhaqe. Yo'ii Waynii muran geennaan, akka qooda midhaanii argatu hojjatoota ufii ergee, jarii oobruu qorqoraatu kaan hojjatoota sun qaqqabee, tokko dha'ee, tokko ijjeesee, tokko mataa dhodhoose. Ammallee abbaan oobruu kaan hojjatoota dhibii ta haga qaraa irra jirtu itti erge, ammallee jarii oobruu qorqoraatu kaan akkasuma warra tolche. ‘Ilma kiyya hinuma sodaatan’ jedhee, muummee irratti, ilma ufii erge. Warrii oobruu qorqoraatu kaan ammoo ilma arginaan, ‘Ilmii abbaa oobruu kanaa koottaa in ijjeemnaa, duuba dhaala cufa infudhanaa’ Waliin jedhan. Duuba isa qabanii, oobruu keessaa baasanii ijjeesan.” “Tanaaf abbaan oobruu, yo dhufu, maan warra oobruu qorqoraatu kana tolcha seetan?” jedhee gaafate. Warrii, “Innii dhugumaa warra dabaa sun fixeetti, oobruu nama dhibiitti kenna, ka yo fulaan qooda midhaanii, geette isaa kennu” jedhan. Yesus deebi'ee warraan, “Isan waan barreesiin qulqulloon jettu takka hindubbimnee? ‘Dhakachii ijaartuun tuffattee dide ya dhakaa cufa irra jabaa ta'e; Aabbootti waan kana tolche, ila teenna duratti wantii kun waan mamaa’ ” jedhe. Tanaaf anin isanitti himaa, “Mootummaa Waaqaa isan irraa fuudhaniitti warra midhaan dansaa baasuutti kennaan. Namii dhakaa kana gubbaatti jige inbututa, dhakaalleen yo nama gubbaa bu'e nama butucha” isaaniin jedhe. Qaallolee gugurdoo fi Fariisootii mammaassa Yesus dhageennaan, akka innii waan warraa dubbate hubattee isa qabuu fedhanii, ammoo gumii Yesus raaga seete taan sodaatan. Yesus ammallee mammaassaan biyyatti dubbatee, “Mootummaan Waaqaa hayyuu ilma ufii dubra fuusise fakkaatti. Innii hojjatoota keessummaa yaamtu ergee, ammoo keessummaan dhufu didde. Ammallee hayyuun kaan hojjatoota dhibii ergee, ‘Mirgoolee fi jiboota gagabboo yaayyuu qalan, wantii cuftii ya kurfooftee, keessummaan jila fuudhaa, Koottaa jedhaan’ jedhe. Keessummaan cuftii ammoo dhufuu didde; tokko oobruu ufii dhaqe, tokkoolleen daldala ufii dhaqe; ta garii hojjatoota guurte dhaantee fixxe. Hayyuun guddoo dallanee, warra waraanaa ka ufii ergee, warra nama ijjeesee sun cufa fixee dira warraalle gube. Jennaan hojjatoota ufii gad yaamee, ‘Jiltii tiyya kurfoo jirti, ammoo warrii anin yaame jilaa himmalee, karaa diraa gula yaa'aa, namuma gartan yaamaa’ jedheen. Hojjatootiilleen karaa gula yaatee nama garte cufa dansaa fi hamaallee yaamtee, namii mana fuudhaa guute.” “Hayyuun mana fuudhaa olseenee keessumma laalee jennaan, nama tokko ka wayaa fuudhaa ufirraa hinqamne argee, ‘Isii abboo atin akkam wayaa fuudhaa malee arma seente?’ jedhee gaafatee namichii kaan waan jedhu dhabe. Hayyuun hojjatootaan, ‘Harkaa fi miila walti hidhaa, alaatti darbadhaa! Ha achitti boo'ee ilkaan qaruutii’ jedhe. Wantii akkanaatiif, Namii yaaman hedduu, ka foohatan ammoo diqqaa” jedhee dubbii taan fixe. Fariisootii yaatee akka Yesus afaan fuutu walmari'atte. Jara warrattii fi jara Herodis waliin Yesusitti erganii, “Barsiisaa, akka atin nama dhugaa taate, karaa Waaqaallee akka dhugumaan barsiiftu, waan namii jedhuullee akka hin yaallee ammallee nama hinsodaanne nu inbeenna. Me, herrega kee nutti him; akkii gibira hayyuu Roomaatii baasan aadaa moo aadaanti?” jedhanii gaafatan. Yesus cubbuu warraa beennaan, “Isan kiyibdoollee! maaniif afaan na fuudhu feetan? Qarshii tokko na garsiisaa” jedhe. Warrii qarishii tokko garsiisee jennaan innii, “Mat. aa fi maqaa eennuu irratti barreessan?” jedhe. Warriilleen, “Ka hayyuu Qeesarii” jedhe jennaan Yesus, “Yoos hayyuu waan isaa male baasaaf, Waaqaallee waan maleef baasaaf” jedhe. Waan kana dhageennaan mamanii, biraa yaa'anii itti dhaabatan. Guyyuma sun Saduqoonnii, warrii du'a ka'isii hinjiru jedhu gara Yesus dhufee, “Aabboo, waan Museen barsiise, ‘Yo namii ilmaan malee du'e, obbooleessii isaa niitii isaa dhaalee, obbooleessa ufiitii ilmaan dhaluu male’ jedhe. Duuba obbooleeyyan torbaatti ta waliin teettu jira, angaftichii dubra fuudhee ilmee malee du'e. Niitii taan obbooleessii lammeessoo dhaalee, inniilleen akkasuma ilma malee du'e, ka sadeessoolleen isii fuudhee akkasuma du'e, duuba eegee obbooleeyyan hafte taalleen cuftii akkasuma raawwatte. Eegee niitiin taalleen doote. Duuba warrii torbaanuu ya isii fuudhee, gaafa warra du'e kaassan niitiin tunin ta eennuu taati?” jedhanii isa gaafatan. Yesus ammoo warraa deebisee, “Isan marroo barreessii fi jabeenna Waaqaa hinbeenneef, guddoo wallaaltan. Warrii du'e, yo kaassan, akka ergamtoota Waaqaa jira, dhiiraa fi nadheen wal hinfuudhan. Ammoo waan ka'iisa warra du'ee, waan Waaqii isaniin jedhee hindubbimnee? Innii, ‘Anin Waaqaa Abrahaam, Waaqaa Yisihaqii fi Waaqaa Yaaqoob, akkas jechuun, innii Waaqaa warra jiruu malee Waaqaa warra du'etiinti’ ” isan jedhe. Gumiin waan kana dhageennaan waan barsiisa isaa guddoo mamte. Fariisootii akka Yesus Saduqootaa callisiise dhageennaan walti dhufte. Jennaan qaallichii seera beeku tokko isa laalachuuf wa isa gaafatee, “Seerii seera cufa irra jabaa kamii kana?” jedhe. Jennaan yesus, “ ‘Aabboo Waaqaa kankee garaa kankee cufaan, Lubbuu tantee cufaan, qalbii tantee cufaan jaaladhu’ Seerii cufa irra jabaa ka qaraa kana. Ka lameessootiin walfakaata, ‘Akkuma ufi jaalattu nama jaaladhu’ jedhe. Seera Museetii fi barsiisan raagaa cuftii seera kana lamaan callaan guutamti” jedheen. Fariisootii walwaldeennaan Yesus warraan, “Waan Kiristoos maan hereddan? Innii ilma eennuu?” jedheen, jenaann, “Innii ilma Daawiti jedhanii” jedhanii deebisaniif. Yesus deebisee, “Akkamiin ree daawit, hafuura Waaqaatiin, ‘Aabboo’ jedhee isan yaame?” “Aabboon Abbaa kiyyaan, haga anin nyaapha kankee miila kankee jalatti deebisuutti, mirga kiyya taa'i la jedhe” jedhee dubbate. “Yo Daawit, ‘Aabboo’ isan jedhe, Kiristoon akkam ilma Daawit ta'a ree?” jedhee isaan gaafate. Namii tokkoolleen deebisuu dadhabe; haga guyyaa sunitii jalaqabee namii tokkoolleen gaafii tokkooyyuu isa gaafachuu sodaate. Yesus gumii fi jara ufiitti haasa'ee, “Jara seera beekuu fi Fariisootii waan seera Musee himte. Tanaaf waan warrii isanitti himu cufa tolchuu maltan, ammoo waan warrii waan nama barsiisu ufii hinguunneef, waan warrii tolchu hintolchinaa. Warrii ba'aa ulfoo qaaceera namaa irra kaa'a, ammoo ufii baa'a ulfoo sun qubaalleen tuquu hinfedhu. Waan cufa akka namii warra argu tolchan. Qudhaamii warrii addaaf harkatti hidhatu waan gugurdaa, handaarii wayaa warraalleen waan dhedheeraa. Fulaa jilaatti fulaa dadansaa fedhan, manneen Waldeennaa keessaalleetti barcumaa dadansaa fedhan. Gabayaa keessatti akka namii ulfeessee nagaa warra fuudhu, ammallee akka namii barsiisaa guddaa warraan jedhu fedhan. Ammoo ‘Barsiisaa guddaa’ namii isaniin jechuu hinmale, maaliif isaniin cuftii obbooleeyyan, barsiisaa tokko callaa qabdan. Ammallee nama lafa tana irra jiru tokkoolleen Aabboo hinjedhinaa; Abbaan keessan tokko callaa, sulleen ka Waaqaa gubbaa jiruu. Yokaan Mooticha namii isaniin jechuu hin malle; Mootichii keessan Kiristoos callaa. Namii isanii cufa irra guddaa ha hojjataa keessan ta'uu. Nama ufi guddisu indiqeessan, nama ammoo ufi diqeessu inguddisan” jedhe. Gaargalii keessan jara seera beekuu fi Fariisota! Kiyibdoolee! Isan Mootummaa Waaqaa nama duraa cuftanii, ufiillee induuddan, warra duuduu fedhuullee indhowartan. Gaargalii keessan, isanii seera beekuu fi Farisota Kiyibdoolee! Isan nadheen dhiirsii irraa du'e dabsitanii, waan warraa hattanii, kadhachaa teessan kiyibaaf dheeresitan. Mar. roo waan kanattiif nama cufa irra gaargaltan. Gaargalii keessan, jara seera beekuu fi Fariisota Kiyibdoolee! Galaana taakkitanii, nama tokko aadaa teessan barsiisuuf lafa fagoo yaatan, innii yo barate marroo lama haga keessaniillee irra ibiddaa male! Gaargalii keessan, balloota nama dura yaatu! Yo namii mana Waaqaatiin kakate homaaniti jettanii barsiiftan; ammoo yo innii warqii mana Waaqaa keessa jirtuun kakate akkas wayya jettanii barsiiftan. Isan daallee ila hinqamne! Warqii moo Mana Waaqaa ka warqii qulqulleessuutti irra jira? Ammallee yo namii waan sooriyoo irratti qalaniin kakate, homaaniti jettanii barsiiftan, ammoo yo innii sooriyoo waan sooriyoo irratti qalan gubbaa teettunin kakate wayya jettan. Isan akkam ballaa! sooriyoo moo waan sooriyoo irratti qalan ka sooriyoo qulqulleessutti irra jabduu? Tanaaf namii yo waan sooriyoo irratti qalaniin kakate, innii waan sooriyoo irratti qalanii fi waan gubbaa jira cufaan kakate; akkasuma namii yo mana Waaqaatiin kakate, isaa fi Waaqaa achi jiraatuulleen kakate; ammallee namii yo Waaqaa gubbaan kakate, innii barcumaa Waaqaatii fi nama irra taa'uulleen ya kakate. Gaargalii keessan, jara seera beekuu fi Fariisota, kiyyibdoolee! Qooda kudhaneessoo ka gurbii urgootii fi waan dhibii sagaleen urgeesaniillee Waaqaa baaftanii, barsiisaa isaa jajabduu ta seeraa diddan, ta akka qajeelumaa, naasuu fi dhugaa. Adoo seera dhibiillee hindinnee waan kana guutuu maltan. Balloota nama dura yaatu! Tiittee aanaan keessaa fudhattaniitti, gaala ammoo liqimsitan! Gaargalii keessan, jara seera beekuu fi Fariisota kiyyibdoolee! Qorii fi muduunuu ala dhixxan, keessa isii ammoo hannaa fi ufi jaalachaan guuttan. Fariisaniicha ballaa! Waan muduunu keessa jiraa dhiqii, duuba aliilleen inqulqulla'aa. Gaargalii keessan, jara seera beekuu fi Fariisota kiyyibdoolee! Isan akka awwaala nooraa dibanii adeesanii alaan guddoo midhaaguu, ka ammoo keessii isaa lafee fi waan shame qabuu jirtan. “Isaniilleen ammoo akkasuma alaan dansaa fakkaattanii, garaan keessan dharaa fi cubbuu qaba” jedhe. “Gaargalii keessan, jara seera beekuu fi Fariisota kiyyibdoolee! Awwaala mimidhaagaa raagaa tolchitan, waan warra dhugaatiin qaabattan gubbaa jaartan, ‘Nu yo silaa bara ababoota teennaa jiraanne, akka warraa raagoota hinijjeemnu’ jettan. Isan, ‘Nu ilmaan warraa raagoota fixxe’ jettan ufii dhugeesitan. Me dura yaa'aa, waan ababootii teessan qara tolchite obaassaa. Isan bofaa fi ilmaan bofaati! Muraa hegerii dandeettanii duraa hinbaatan. Tanaaf waan anin isanitti himu, anin raagoota, warra qalbii qabuu fi qaalloota isanitti erga, ka garii fixxanii, ka garii mukatti fanniftanii, ka garii Manneen Waldeennaa keessatti lichoon dhaantanii, dira cufa keessaa haatan. Dhiigii warra homaa hiyyakinii cuftii mataa keessan gubbaa jira, dhiiga Abeelitii haga dhiiga Zakaariyas ilma Baraakiya, ka isan mana Waaqatii fi waan sooriyoo irratti baasan jidduu lamaanitti ijjeeftan. Anin isanitti hima, wantii kunin cuftii mataa dhaloota kanaa gubbaa buuti” isaniin jedhe. “Ee Yerusaalem, Yerusaalem, atin raagota fixxee ergamtoota Waaqii sitti erge dhakaan dhodhoche. Mar. roo hagam anin nama kankee cufa, akka lukkuun ilmoolee ufii koola jalatti guurattu silaa guuruu fedhe, ammoo atin didde. Amma warrii kankee ona ta'a. Waan anin isanitti himu, ardhaa achi itti deebitanii na hinagartan, haga isan, ‘Waaqii nama maqaa Aabbootiin dhufu ha eebbisu’ jettaniitti” jedhe. Adoo Yesus mana Waaqaa keessaa ba'uu jiruu, jarii isaa ijaarsa mana Waaqaa agarsiisuuf gara isaa dhufe. Innii ammoo warraan, “Waan kana cufa agartanii? waan anin isanitti himu, dhakaan tokkoolleen wal irratti hinhafu, cufa gargarii jissan” jedhe. Adoo Yesus Gaara Ejersa jedhan gubbaa taa'uu, jarii isaa kophaatti isatti dhufee, “Wantii kunin cuftii yoom taati? Akeekii dhufaansa keetiitii fi guyyaa muummee maan?” jedhanii gaafatan. Yesus warratti himee, “Akka namii tokkoolleen isan hinsobne eegadhaa! Wantii akkanaatiif nama hedduutti maqaa kiyyaan dhufee, ‘Anin Kiristoos’ isaniin jedhee, nama hedduu soba. Walhadhiisa dhi'otii fi ka fagoollee cufa indhageetan, ammoo hinsodaatinaa, wantii kunin cuftii dhufuu maltee, muummeen ammoo hindhi'aanne. Laftii tokko lafa dhibii haati, hayyuun tokko hayyuu dhibii hadha. Fulaa cufa beelaa fi lafa chocho'itiitti dhufa; wantii kunin cuftii akka ciniisuu dhalaa jirti.” “Qabanii isan gaargalchaniitti du'a isanitti muran. Gochii cuftii marroo tiyyaaf isan jibbiti. Namii hedduun yoha sun dhugeeffachaa lakkisa, dabarsanii wal kennan, waliillee injibban. Raagii dharaa hedduun dhufeetti nama hedduu soba. Hameennii heddateetti jaalaltii nama hedduu qabbanoofti. Namii haga muummee oobsu ammoo inba'a. Akka gosa cufaa dhugaa taatuu oduu dansaa Mootummaa Waaqaa tana lafa cufa keessatti odeesan, achiin duuba muummeen dhufti” jedhe. Yesus itti dabree, “Isan waan jibban, ka nama rifachiisaa, ka fulaa qulqulloo ejjitu, ta raagii Daani'el waan isii dubbate ya argitanii (namii dubbisu ha hubatuu) Yo sun warrii Yihudaa keessa jiru ha garreenitti baqatuu. Namii mana gubbaa jiru, waan mana keessa jiraa fudhachuuf gad hinbu'in! Namii oobruu keessa jiru wayaa fudhachuuf hingalin! Nadheen garaachaa qabduu fi ta hoosiftuu guyyaan sun hamaa! Akka bara dhaamochatii fi guyyaa Sanbataa hinbaqne kadhadhaa! Gaargalii guyyaa sun gaargala takka haga laftii uumamtee haga ardhaallee hindhufin ta'a. Wantii akkasii itti deebitee lafa hindhuftu. Adoo guyyaan sun gabaabachuu baatee namii tokkooyyuu hinba'u. Waaqii ammoo marroo warra foohateef, guyyaa sun ingabaabsa” jedhe. “Yo namii, ‘Kunoo, Kiristoon arma jira’ jedhe, yokaan, ‘Achi jira’ jedhe, hindhugeeffatinaa. Wantii akkanaatiif Kiristoos dharaatii fi raagii dharaa indhufa, akeekaa fi waan mamaa hedduu tolchan, akka yo silaa danda'an warra Waaqii foohate soban. Kunoo, anin waan kana adoo guyyaan hinga'in ya isanitti hime.” “Yokaan, yo namii ‘Ilaalaa, innii lafa gammoojjii keessa jiraa’ jedhee, achi hin yaa'inaa; yokaan yo, ‘Innii armatti dhokachuu jira’ jedhan hindhugeeffatinaa. Akkuma angaasuun ilaboruutii haga ilagalchuu angaatuu, akkasuma ilmii namaa tasa dhufa” jedhe. Fulaa reeffii jirutti allaatiin buuti. “Gaaragala guyyaa sunitiin duuba yoma tokkoon aduun indukkanoofti, ji'ii itti deebi'ee hinibsu, hurjiin Waaqaa gubbaa gad jiddi, jabeennii gubbaa inhargufama. Duuba akeekii ilma namaa gubbaatti mullata; gochitii lafa tanaa cuftii inbootti, ilma namaa ka duumansa keessa jabeennaa fi guddinnaan gad bu'u argan. Innii ergamtoota ufii ta qoonqoo Magalataa guddoo dhooftu Waaqaa gubbaa moggaa lafaa afranitti erga, duuba warrii gumii Waaqii foohate haga muummee Waaqaa lafaa cufaa walti guura” jedhe. Yesus, “Mukii odaa ha wa isan barsiisuu. Yo dameen isaa dottaattee lattee baala baafte, akka laftii caamsaa inbeettan. Akkasuma yo waan kana agartan akka innii dhi'o jiru, ka diqqumaa isan hanqatuu beekaa. Dhugumaa, wantii kun cuftii, adoo namii amma jiru kun hinhobbaanee taati. Lafaa fi gubbaan indabarti, dubbiin tiyya ammoo tokkoolleen hindabartu” jedhe. Yesus itti dabree, “Namii saatii fi guyyaa sun beeku hinjiru, ergamtootii Waaqaa gubbaatii fi ilmiilleen hinbeeku, Abbaa callaatti beeka. Dhufiisii ilma namaa akka gaafa Nohii ta'a. Haga lolaan dhufee Nohii hoboloo hinseeniin namii in nyaata, indhuga, walfuudha. Haga bisaan dhufanii warra cufaa fudhatanii deemanitti warrii homaa hinubanne. Guyyaa ilmii namaa dhufuullee akkasuma taati. Yo sun nama lamaatti oobruu keessa waliin hojjachuu jira; tokko fuudhanitti kaan lakkisan. Nadheen lama ta dhakaa daakuu jirtu, tokko fuudhanii taan lakkisan. Tanaaf guyyaa Aabboon keessan dhufu hinbeettanii ufi eegadhaa! Waan kana qaabadhaa, Abbaan manaa, yo silaa yoha hattuun dhuftu beekee, mana ufii irraa dhowwata. Tanaaf, yo cufa qophooftanii taa'uu maltan. Ilmii namaa yoha isan hinseene dhufaa” jedhe. “Hojjataan dhugaatii fi qaroon kam? Innii ka abbaan isaa akka yo saatiin sagalee geettu kennuuf guddaa hojjattoota cufaa tolche. Hojjataan sun yo adoo innii hojjachuu jiruu abbaan isaa warraa gale guddoo gammada. Dhugumaa, anin isanitti himaa, abbaan sun guddaa waan qabuu cufa isa tolcha. Ammoo yo innii hojjataa hamaa ta'e ‘Abbaan kiyya dhufuu hingeenne’ jedhee, hojjattoota cufa dhaanee, sagalee nyaatee, warra farsoo dhugu waliin dhugee, Abbaan hojjataa sunii guyyaa innii hinseenee fi yoha innii hinbeenne dhufee mataa hojjataa sunii tatarsaasee jara kikijibaan walti dara. Achitti boo'ee ilkaan qara” jedhe. Yesu, “Guyyaa sun mootummaan Waaqaa akka dubra kudhanii, ta ibsee fudhattee, abbaa fuudhaa arguu dhaxxee fakkaatti. Shan qaroo, shan gowwoota. Gowwolleen taan ibsee fudhattee ammoo saleeddii bobeessaniin lakkifte; qarooleen taan waan saleeddii itti naqan kaan saleeddii guuttee fudhatte. Abbaan fuudhaa turee jennaan dubartootii taan muddee rafte.” “Halkan guddoo qoonqoon dhuftee, ‘Abbaan fuudhaa kanaa, koottaa isa argaa’ jedhan. Dubartootii kudhannaanuu kaatee ibsee bobeeffatte. Gowwooleen taan qaroolee taaniin, ‘Ibseen teenna dhaamuu jirtii, saleeddii nuu cobsaa’ jetteen. Qarooleen taan, ‘Hiyyoo, walti nu hingeettuu, beenaa bitadhaa’ jetteen. Gowwooleen taan saleeddii dhibii bitachuu dhaxxii itti dhaabannaan, abbaan fuudhaa dhufe. Dubartootii kurfeefatte taan jila fuudhaa olduuddee, balbala cufan.” “Eegii sun dubartootii gowwooleen shanaan taan dachaatee, ‘Aabboo, Aabboo, balbala nuu ban’ jette. Abbaan fuudhaa, ammoo ‘Lakkisaa anin fuula isan hinbeekuu’ jedheen. Duuba isaniilleen, guyyaa fi yoha sun hinbeettanii ufi eegadhaa!” jedhe. “Gaafas mootummaan Waaqaa akka nama himaltuu deemuu fedhuu, ka hojjattoota ufii yaamee, waan qabu cufa harka warratti lakkisee jirti. Innii nama cufa waan innii danda'u itti kenne. Tokko qarshii kuma shantamaa itti kenne, ka lammeessoo kuma diddamaa itti kenne, ka sadeessoo kuma kudhan itti kennee, ka'ee itti dhaabate. Namichii kuma shantamaa itti kennaan kaan dhaqee daldaleenii, kuma shantamaa dhibii argate. Namichii kuma diddamaa itti kennaaniilleen akkasuma kuma diddamaa dhibii argate. Namichii kuma kudhan itti kennaan kaan dhaqee, boolla qotee, horii kaan achitti dhosse.” “Abbaan hojjattoota taanii guddoo turee gad deebi'ee, henna sun cufa warra waliin tolche. Namichii kuma shantamaa itti kennaan kaan dhufee, ‘Atin kuma shantamaa natti kennitee, laal, kumii shantamaa dhibiilleen kanaa’ jedhee, kuma shantamaa dhibii itti kenne. Abbaan kaan, ‘Akka dhiiraa tolchite, atin akka dansaa daldaltee, tanaaf anin waan guddoo harka keetiitti kenna. Kootti, waliin gammannaa’ jedheen. Namichii qarshii kuma diddamaa itti kennaan kaan dhufee, ‘Atin kuma diddamaa natti kennitee laal, kumii diddamaa dhibiilleen kanaa’ jedhee itti kenne. Abbaan kaan, ‘Akka dhiiraa tolchitte, atin akka dansaa daldalte, tanaaf anin waan guddoo harka keetiitti kenna. Kootti, waliin gammannaa’ ” jedheen. “Jennaan namichii qarshii kuma kudhanii itti kennaan kaan dhufee, ‘Aabboo, akka atin nama hamaa anin inbeeka, atin waan hinoobrin murtee midhaan hinfacaasin gootaraatti galchita. Anin si sodaadheetti dhaqee horii kee boolla keessatti dhosse; laal, horiin kee kanaa’ jedheen. Abbaan kaan, ‘Atin hojjataa hamaa, ammallee laafaa; atin akka anin waan hinoobrin muradhee midhaan hinfacaasin gootaraatti galchu inbeettaayyuu? Yoos, qarshii tiyya oli naa kaa'uu malte, akka anin yo gale waan isiin dhalte waliin fudhadhu. Tanaaf horii sun isa irraa fuudhaa, namicha kuma dhibba tokkoo qabutti kennaa. Wanti akkanaatiif nama wa qabuu itti daranii, ka homaa hinqamne ammoo, waan innii qabuullee irraa fuudhan. Hojjataa homaa hinbaane kana dhaqaa, dukkana keessa ala buusaa; ka achitti boo'ee ilkaan qaruutii’ ” jedhe. “Guyyaa ilmii namaa ergamtoota cufa waliin guddinna ufiitiin dhufu, innii barcumaa guddinna ufii gubbaa taa'ee, namii lafa tanaa cuftii isa duratti walwalda'a. Duuba innii akkuma tissituun re'ee ufii, hooliyyee fi lalleessa gargarii footu fulaa lamatti warra gargarii fooha, hooliyyee gara harka mirgaa deebisee, lalleessa gara harka bitaa deebisa. Duuba Hayyuun waan hooliyyee harka mirgatiin jedhu, ‘Isan warra abbaan kiyya eebbise, koottaa guddinna haga lafa uumanii isaanii midhaasanitti galaa. Gaafa anin beela qabu beela na baaftan, anaa dheebuu qabu, dheebuu na baaftan, anaa keessummaa na bulchitan, anaa daara qabu daara na baaftan, anin fayyaa dhamnaan na qorqorattan, na hidhanii jennaan dhuftanii na laaltan’ isaaniin jedhe. Duuba warrii qajeeloottii deebiseetti, ‘Aabboo, yoom sii beela qabdu arginaan beela si baafnee, sii dheebotte dheebuu si baafne? Yoom sii keessummaa arginaan si bulchinee, sii daara qabdu arginaan daara si baafnee, sii fayyaa dhabde yokaan hidhaansa keessa jirtu si laalle?’ ” jedhaan. “Hayyuun deebiseetti, ‘Anin dhuguma isanitti himaa, waan obbooleeyyan tiyya didiqqoo tanaa tolchitan yaayyu nallee tolchitan’ ” jedha. “Duuba innii warra harka bitaatiin, ‘Isan warra abaarsa Waaqaa qabuu na biraa yaa'aa! Gara ibidda hindhaamnee, ka Sheexanaa fi ergamtootii isaatii bobeessanii badaa! Gaafa anin beela qabu beela na baasu diddan, ka anin dheebodhe dheebuu na baasuu diddan; gaafa anin keessummaa na bulchuu diddan, ka anin daara qabu daara na baasuu diddan; gaafa anin fayyaa dhabe na gaafachuu diddan, anaa hidhaansa keessa jiru na laaluu diddan’ isaaniin jedha. Duuba warrii deebiseetti, ‘Aabboo, nu yoom takka sii beela qabdu, yokaan sii dheebu qabdu, sii keessummaa, sii daara qabdu, sii fayyaa dhabde, yokaan sii hidhaansa keessa jirtu, arginnee si qarqaaruu dinne?’ jedhaan. Innii, ‘Dhuguma, waan anin isaniin jedhu, isan yo warra didiqqaa kana qarqaaru diddan, yaayyu nallee qarqaaruu diddan’ jedhaan. Warra kana gara gaargala hindhumannee ergan, warra qajeelaa gara jireenna hindhumannee ergan” injedha. Yesus duubbii tana cufa hobbaamnaan, jara ufitiin, “Akka guyyaa lamaan duuba jiltii dabarsaa dhuftu isan inbeettan, gaafas ilma namaa harka namaatti kennaanii mukaa gubbaatti fannisan” jedhe. Jennaan qaallolee gugurddoo fi jaarroleen Yihudii mana Qaallicha irra guddaa, ka Qayyaafaa jedhanii keessatti walti dhuftee, akka Yesus dhossaan qabanii ijjeesan mari'atte. “Hegerii biyyitii incaartii fulaa jilaatti tolchuu hinmalle” waliin jedhan. Bitaaniyaa keessatti adoo Yesus mana namicha Simoon jedhanii ka qomaaxaa qabuu tokko keessa taa'ee sagalee nyaatuu, niitiin tokko dhadhaa urgaa gatii guddoo, killaan qabattee dhuftee, mataa Yesusitti naxxe. Jarii Yesusii waan kana arginaan guddoo dallannee, “Maaf waan kana cufa balleessan? Dhadhaa kana silaa beesee guddootti gurguranii hiyyeeyyii qooduu hindanda'an” jedhe. Yesus waan warrii jedhe beennaan, “Isan maaf teettanii niitii tana gaargalchitan? Wantii isiin naa tolchite kunin guddoo dansaa. Hiyyeeyyiin guyyaa cufa isan waliin jirti, anin ammoo guyyaa cufa isan waliin hinjiru. Isiin akka nafa kiyya awwaalaa kurfeesituuf qayya nafaatti naa naxxe. Anin dhuguma, isaniin jedhaa, yo oduu dansaa tana lafa cufa keessatti himan, waan isiin tolchite kana qaabataniitti isiin odeesan” jedhe. Jennaan warra Yesus kudhaanii lamaan kaan keessaa namichii tokko ka Yihudaa Keriyot jedhan gara qaallolee gugurdoo dhaqee “Yo anin Yesus harka keessanitti kenne, maan naa kennitan?” jedhee gaafate. Jenaanni warrii qarshii soddomaa fuudhee kenneef. Yo sunii jalaqabee Yihudaan akkuma Yesusiin gurguratu barbaade. Guyyaa qaraa ka jila Qixxaa Bukoo hinqamnee, jarii Yesus gara isa dhufee, “Jila dabarsaa jedhan eessatti sii tolchina?” jedhee gaafate. Innii ammoo deebisee, “Gara nama tokkoo dhaqaa, ‘Aabboon, guyyaan kiyya ya ga'ee naa fi jarii kiyyaalleen mana kee keessatti sagalee jila dabarsaa nyaanna’ jedhaan” jedhe. Jarii waan Yesus jedheen tolchee jila dabarsaa kurfeesse. Laftii galgaloomnaan, Yesusii fi jarii isaa tataa'anii sagalee nyaatan. Adoo sagalee nyaatanuu, Yesus, “Isanii kana keessaa namii tokko na gurgurata” jedheen. Jarii guddoo laaleffatee, tokko tokkoon, “Aabboo, na wa taatee?” jedhee gagaafate Yesus deebisee, “Nama harka qorii keessa kaa'ee qixxaa cuuphaan tuqatee na waliin nyaachuu jiruutti na gurgurata, ilmii namaa akka barreessiin jette gula du'a; gaargalii ammoo kama nama ilma namaa ijjeessu sun, namii sun yo silaa durii dhalachuu baate irra dansaa” jedhe. Yihudaan ka dabarsee isa kennu ammoo qoonqoo olfudhatee, “Na wa taatee, Aabboo?” jedhe. Yesus ammoo, “Atin ya afaan keetiin jette” jedheen. Adoo sagalee nyaatanuu, Yesus qixxaa fuudhee, galata Waaqaa galchee, cacabsee, jara ufiitti kennee, “Hoodhaa kunin nafa kiyyaa, nyaadhaa” jedhe. Muduunuu fuudhee, galata Waaqaa galchee, warraatti kennee, “Hoodhaa isaniin cuftii dhugaa! Kunin dhiiga kiyyaa ka kakuu waldhaqisa haaraa, ka akka cubbuu namaa araaraman nama hedduu jiguu. Haga daadhii waynii haaraa Mootummaa Abbaa kiyyaa keessatti waliin dhunnuutti, anin itti deebi'ee daadhii tana hindhugu” isaniin jedha. Jennaan sirba tokko sirbanii gara Gaara Ejersa jedhanii dhaqan. Jennaan Yesus, “Halkan kana isaniin cuftii na lakkiftanii baqattan, barreesiin qulqulloon, ‘Anin tissituu re'ee inijjeessa, re'een gargarii bittinoofti’ jette. Anin ammoo yo du'aa ka'e, isan duratti Galiilaa dhaqa” isaaniin jedhe. Jennaan Phexros Yesusiin, “adoo namii cuftii baqateellee, anin si biraa hinbaqadhu” jedhe. Yesusiilleen, “Dhuguma siin jedhaa, adoo kormii lukkuu hiniyyin, atin marroo sadii na mormatta” jedheen. Phexros ammoo, “adoo du'eellee, anin si hinmormadhu” jedheen; jarii kaalleen akkasuma jedhe. Yesus jara ufii waliin lafa Getesemaane jedhan dhaqee, “Haga anin achi deemee kadhadhu, arma tataa'aa” jedhe. Phexrosii fi ilmaan Zabdewos lamaan fudhatee dhaqee, laaleffachaa fi naasuun isa qabatee warraan, “Naasuun diqquma na hinijeesinii, arma na waliin tataa'aa eegaa” jedhe. Diqqoo dura deemee fuula duratti lafaan ufi dha'ee, Waaqaa kadhatee, “Aabboo kiyyaa! Yo dandeette muduunuu tana narraa fuudhi, ammoo akka fedhii tiyyaatiinii akka fedhii teetii gula” jedhe. Jennaan gara jara isaa sadeen kaanii deebi'ee, warra rafu argee Phexrosiin, “Akkam haga saatii tokkoollee dandeettanii na waliin eeguu dadhabdan? Tataa'aa, Waaqaa kadhadhaa, akka ilaallachaa keessa hinseene. Hafuurii infedhaa, nafii ammoo hindanda'u” jedhe. Mar. roo lammeessoo Yesus deemee, Waaqaa kadhatee, “Ee Aabboo yo muduunuu tana haga anin dhuguutti narraa hinfuune, fedhiin tee ha taatuutii” jedhe. Ammallee gad deebinaan warra mugaatiin dabsattee rafu arge. Ammallee Yesus warra biraa deemee, marroo sadeessoo dubbuma suniin Waaqaa kadhate. Jennaan gara warraa deebi'ee, “Ammallee ufumaa ciiftanii raftanii? Laalaa, yohii ilma namaa harka warra dabaatti kennaan ya dhi'aatee. Kaka'aa, nu yaasaa. Kunoo, namii na gurguratu kanaa” jedhe. Adoo innii dubbachuu jiruu, Yihudaan ka jara kudhanii lamaan kaan kee jiru dhufee, isa waliin gumiin guddoon goraadee fi bokuun yaatu, ta qaalloolee gugurdoo fi jaarrolleen Yihudii ergite, dhufte. Yihudaan akeeka tokko warraa kennee, “Namii anin dhungadhu isaa qabaa” jedhe. Yihudaan dhumnaan gara Yesus dhaqee, “Aabboo bultiin nagaa?” jedhee dhungate. Yesus, “Jaala waan feetu hurrisii tolchi” isaan jedhe. Jennaan dhufanii Yesus jabeessanii qaban. Namii Yesus waliin jiru tokko, goraadee ufii qalqala keessaa luqqisee, hojjataa qaallicha guddaa dha'ee, gurra irraa kute. Yesus nama kaaniin, “Goraadee tee qalqalatti deebis, namii goraadee fudhatu cuftii goraadeen badaa. Atin akka yo anin Aabboon, ‘Qarqaarsa naa ergii’ jedhe, innii duula kudhanii lamaa ka ergamtootaa naa ergu hinbeettuu? Ammoo yo akkas taate, barreesiin qulqulloon ta wannii kun ta'uu malte jettu akkam dandeettee guutamti ree?” jedheen. Yoma sun Yesus gumiitti dubbatee, “Maaf goraadee fi bokuun dhuftanii na qabdan, akka waan anin saamtuu ta'ee. Guyyaa cufa anin mana Waaqaa keessa taa'ee nama barsiise, ammoo gaafas na hinqamne. Ammoo wantii kunin cuftii akka wantii raagii jedhe, guutamtuuf taate” jedhe; jennaan jarii isaa cuftii isa lakkisee baqate. Warrii Yesus qabee, fulaa jarii seera beekuu fi jaarrolleen itti walwaldeette ta mana Qayyaafaatiin isa dhufe. Phexros waan dubbiin buufattuun laaluuf haga cichaa mana qaallicha guddaa isa gula deemee, dhaqeetiin warra lafa eegu waliin taa'e. Qaallolee gugurdoo fi korii cuftii Yesus ijjeesuuf dubbii dharaatiin himate. Adoo namii hedduun dhufee, dharaan himateellee homaa irratti hinarganne. Eegee jarii lamaan tokko dhufee, “Namichii kunin, ‘Anin mana Waaqaa cabsee, guyyaa sadiitti danda'ee injaara’ jedhe” jedhan. Qaallichii guddaan olka'ee Yesusiin, “Atin himachaa jarii kunin si himatu tanaan homaa hinjettuu?” jedheen. Yesus ammoo dubbachuu dide. Ammallee qaallichii guddaan, “Maqaa Waaqaa jiruutiin si kakachiisaa, atin yo Kiristoo, ilma Waaqaa taate, nutti himi!” jedhe. Yesus isaan dubaatee, “Atuu ya jette. Ammoo waan anin isanitti himu, eegii ardhaa, ilma namaa ka harka mirgicha Waaqaa guddaa taa'ee, duumansa gubbaatiin gad deebi'u argitan” jedheen. Jennaan qaallichii guddaan wayaa ufii tarsaasee, “Innii ya Waaqaa arabsee, nu dhugaa dhibii hinbarbaannu; akka innii Waaqaa arabsee isanuu dubbii isaa ya dhaageettanii; isan maan herreddan?” jedhe. Warrii ammoo, “Innii wallaala qabaa, du'uu male” jedhee deebise. Hancufa fuulatti tufanii dhaananii, namii garii isa dhadhabanaasee, “Kiristoo, wa him, nama si dha'e nutti himi” jedheen. Adoo Phexros cichaa dura taa'uu, intaltii hojjattuu qaallicha guddaa tokko dhuftee, “Atilleen Yesus Galiilaa waliin jirta” jetteen. Innii ammoo warra cufa duratti mormatee, “Anin waan atin dubbachuu jirtu kana hinbeeku” jedhee, fuloon ba'e. Intaltii hojjattuu tokko dhibiilleen isa gartee jara dhiiraa tokkoon, “Namichii kunin Yesus Naazireet waliin jira” jette. Ammallee Phexros mormatee, “Hinkakadhaa, anin namicha kana fuulaallee hinbeeku” jedhe. Eegii diqqoo tokko taan, warrii achi ejaajju Phexrositti dhufee, “Atin nama isaati, arrabii keetiiyyuu inhimaa” jedheen. Phexros ammoo, “Anin namicha kana fuulaallee hinbeku” jedhee kakatee ufi abaaree, yoma sun kormii lukkuu iyye. Phexros, jecha Yesus ka innii, “adoo kormii lukkuu hiniyyin atin marroo sadii na mormatta” jedheen kaan qaabatee, alatti ba'ee guddoo boo'e. Ganama qaalloolee gugurdoo fi jaarroleen Yihudii akka Yesus ijjeeftu walmari'atte; haada sibiilatiin hidhanii, fuudhanii harka hayyuu Philaaxositti kennaan. Yihudaan ka Yesus dabarsee kenne, akka Yesus ijeechaa itti muran arginaan, gabba'ee, horii qaallolee gugurdoo fi jaarroleetti deebisee, “Anin ya cubbuu hojjadhee, nama homaa hin yakkin gurguradhe” jedhe. Warrii, “Nu maan irraa qamna ree? Sunin hujii teetii” jedheen. Yihudaan horii kaan fulaa sooriyoo itti qalanii jissee, dhaqee xuruuraan ufii ijjeese. Qaalloleen gugurdoon horii kaan lafaa guurtee, “Horiin kunin horii dhiigaatii, akkii horii mana Waaqaatiin walti daran seeramti” jette. Eegii walmari'atan, lafa namicha Ogeessa Okkotee Faaraa dha'uu tokkoon bitanii lafa keessumma itti awwaalan tolchan. Tanaaf lafa sun haga ardhaallee, “Lafa dhiigaa” jedhaniitti yaaman. Duuba akkanaan wantii raagii Eremiyaas jedhee ta, “Qarshii soddomaa sun fuudhanii (ta gochitii Israa'el akka baaftu ee jette), akkuma Aabboon natti hime horii sun lafaan bitan” jedhee dhugaa taate. Yesus hayyuu Philaaxos dura ejjee, Pilaaxos, “Atin hayyuu Yihuuditii?” jedhee gaafate. Yesus ammoo deebisee, “Atuu ya jette” jedheen. Waan qaallolee gugurdoo fi jaarroleen isa himatte ammoo maqaa hindhoomne. Jennaan Philaaxos Yesusiin, “Waan warrii si himate kana hindhageettuu?” jedheen. Yesus ammoo dubbii tokkoollee dubbachuu dide, tanaaf Philaaxos guddoo mame. Guyyaa jila dabrsaa cufa, hayyuun nama hidhan tokko, ka gumiin kadhatte, gad lakkisa. Gaafas namicha namii cuftii beeku tokkootti jira, ka Barabbaa jedhan. Gumiin walwaldeennaan, Philaaxos, “Anaa eennu gad lakkisu feetan, Barabbaa moo Yesus ka Kiristoo jedhan?” isaaniin jedhe. Akka warrii Yesus qoxxeef isattiin dhufe, innii inbeeka. Adoo Philaaxos barcumaa murtii irra taa'uu, niitiin isaa nama isatti ergitee, “Nama homaa hin yakkin sun homaa hintolchin, anin eda oobjuu keessa marroo isaatiif guddoo gaargalee” jette. Qaallolee gugurdoo fi jaarroleen biyya sosobdee, “Akka Philaaxos Barabbaa lakkisee Yesus ijjeesu kadhadhaa” jette. Hayyuun, “Warra kana lamaan keessaa akka anin eennu gad isanii dhiisu feetan?” jedhee, jennaan warrii, “Barabbaa feenna” jedhe. Philaaxos, “Yesus ka Kiristoo jedhan maan tolcha ree?” jedhee isaan gaafate. Warrii cuftii iyyanii, “Mukatti fannis” jedhan. Philaaxos ammoo, “Innii maan yakke?” jedhe; isaan ammoo qoonqoo guddoon iyyanii, “Mukatti fannis!” jedhan. Philaaxos akka dura deemtiin homaa hinbaane arginaan, ammallee akka lolii dhufu arginaan, bisaan fudhatee, biyya duratti harka dhiqatee, “Anin dhiiga nama kanaa keessa hinjiru! Tunin hujii teessan!” jedhe. Gumiin cuftii, “Dhiigii isaa mataa keennaa fi ka ijoollee teennaa gubbaa jira” jette. Jennaan Philaaxos Barabbaa gad lakkisee, “Yesus dhaanaa” jedhee, akka ijjeesan harka warratti kenne. Jennaan warrii waraanaa philaaxos mana hayyuu keessa Yesus seensisee, isa marsan. Wayaa irraa baasanii, wayaa diimtuu tokko itti uyyisan. Duuba qoraattii akka surree maranii mataa isaa irra kaa'anii, ulee harka isaa ka mirgaa keessa kaa'anii, isa duratti jilbifatanii gooyyeessanii, “Lubbuun tee ha dheerattuu, hayyuu Yihudii” jedhanii hancufa isatti tufanii, ulee fuudhanii mataa keessan dhaanan. Eegii isa gooyyeesanii, wayaa irraa baasanii, wayaa isaa ta qaraa keeyyachiisanii, duuba akka mukatti fannisan alatti geessan. Adoo dira keessaa ba'anuu, namicha Qareenaa tokko ka Simi'oon jedhan arganii, fannoo Yesus baachisan. Fulaa Golgootaa jedhan dhufan, “Golgootaa” jechuun fulaa, “Buqqee mataa” jechuu. Achitti daadhii waynii waan hadhaatiin walitti makanii akka innii dhuguu itti kennanii, innii ammoo afaaniin qabee dhuguu dide. Mukatti fannisanii, wayaa isaa hixaa buufatanii, gargarii qoodatan, duuba achi tataa'anii isa eegan. Mat. aa isaa gararootti waan isa himataaniif barreessanii, “Namii kunin Yesus, hayyuu Yihudii” jedhan. Warra saamtuu lamaan tokko isa waliin, tokko gama bitaatiin kaan ammoo gama mirgaatiin fannisan. Warrii dhaattuu sun yaa'u mataa itti irbee Yesus arabsee, “Atin ka, mana Waaqaa cabsee, guyyaa sadiitti jaaruu indandaa jettee, ilma Waaqaa yo taate me ufi baasi! Fannoollee irraa lafaatti gad bu'i!” jedhaniin. Akkasuma qaallolee gugurdoo, jara seera beekuu fi jaarroleen isa gooyyeesitee, “Innii nama dhibii la baasee, ammoo ufi baasuu hin danda'u! Innii hayyuu Israa'eltiiyyuu? Yo innii ammaataana fannoo irraa gad bu'e, nu isaatti dhugeeffanna! Innii Waaqaa dhugeeffateetti, anin ilma Waaqaa ufiin jedha. Yo akkas taate, akka amma Waaqii isa baasuu fedhu laaluu feena” jedhan. Warrii saamtooleen isa waliin fannisaniilleen akkasuma isa gooyyeesse. Guyyaa guddaa haga saatii sagalii laftii cuftii dukkanoofte. Saatii sagal geennaan, Yesus qoonqoo guddoon iyyee, “Elii, Elii, lama sabaktanii?” jedhee yaammate; akkas jechuun, “Waaqaa kiyya, Waaqaa kiyya, maaf na lakkifte?” jechuu. Namii achi ejaajju ka garii isa dhaga'ee, “Namii kun Eliyaas yaamuu jira” jedhan. Namichii tokko gara isaa utaalee, waan akka bututtuu laaftuu tokko fuudhee, daadhii waynii dhangagooftuu tokko keessa kaa'ee, uleetti fannisee, isa dura qabe. Namii garii ammoo, “Eegaa, akka Eliyaas dhufee isa qarqaaru laallaa” jedhe. Yesus ammallee qoonqoo guddoon iyyee, hafuura baafatee du'e. Yoma sun gollii mana Waaqaa fulaa lamatti gubbaa gad tarsa'e. Laftii chochotee, dhakaan dayya'ee, awwaalii banamee, warrii Waaqaa qulqulloon durii du'e hedduun ka'ee jireennatti deebi'e. Awwaala keessaa yaa'anii, eegii Yesus du'a keessaa ka'e, dira Yerusaalem qulqulloo duudanii, namii hedduun warra arge. Guddaa warra waraanaatii fi warrii waraanaa ka isa waliin jiru lafa chochotee fi waan ta'e cufa arginaan, nahaanii, “Namii kunin dhuguma ilma Waaqaati” jedhan. Nadheen hedduun Galiilaa Yesus gula yaatee isa qarqaarte, ta fagoo waan kana laaltee jira. Nadheen sun keessaa, Maariyaam Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoobtii fi Yoseef, haadha ilmaan Zabdewosii jira. Laftii galgaloomnaan, namichii dureessii lafa Armaatiyaa tokko dhufe; maqaan isaa Yoseef, inniilleen nama Yesus. Duuba gara Philaaxos dhaqee, reeffa Yesus kadhatee, Philaaxos akka reeffa sun, Yoseefitti kennaa ajaje. Yoseef reeffa fuudhee, wayaa haaraan mamaree, awwaala dhi'oo ufii qotate keessa kaa'e. Jennaan dhakaa guddaa tokko afaan awwaalatti gangalchee biraa gale. Maariyaam Magdalaa fi Maariyaamiin taan dhaattuu awwaalaa teteette. Guyyaa lammeessoo, ka gabayaa guddoo, qaallolee gugurdoo fi Fariisotii gara Philaaxos dhaxxee, “Aabboo, nu akka namichii kiyyibaan sun gaafa jiru, ‘Eegii guyyaa sadii anin du'a keessaa ka'a’ jedhe, inqaabanna. Tanaaf akka awwaala sun haga guyyaa sadii jabeessanii eegan nama ergi! Hegerii jarii isaa dhaqeetti reeffa Yesus hatee, biyyaan, ‘Isa ya du'aa kaasan’ jedhaa, kiyyibii eegee kunin hegerii ka qaraallee irra hammaataa” jedhan. Philaaxosiilleen, “Warra waraanaa fudhadhaa, haga dandeettan awwaala eegaa” isaaniin jedhe. Tanaaf ka'anii itti dhaabatanii, dhakaa awwaalaa kaan beesisa irra ka'anii, akka warrii waraana jabeessee eegu achitti lakkisan. Eegii guyyaan Sanbataa dabre, guyyaa qaraa ka torbaan sunii, laftii bariinaan Maariyaam Magdalaa fi Maariyaamiin taan awwaala laaluu dhaqan. Jennaan yoma tokkoon laftii chochotee, ergamaan Aabboo tokko Waaqaa gubbaa gad bu'ee dhakaa gangalchee gubbaa taa'e. Fuulii isaa akka angaassuu ibsee, wayaan isa akka caamaa addaatte. Warrii waraanaa akka takka hinargin sodaatee, akka waan du'anii ta'an. Ergamaan nadheen taaniin, “Anin akka isaan Yesus ka fannotti fannisan barbaaddan hinbeekaa, hinsodaatinaa! Innii arma hinjiru, yaayyu akkuma jedhee ka'ee koottaa, fulaa reeffa isaa ciifsisan laalaa. Deemaa hurrisaa, jara isaatti himaa, ‘Innii yaayyuu du'aa ka'ee, amma isan duratti Galiilaa dhaqaa, achitti isa argittan’ jedhaa itt himaa! Dhaamsa kiyya kana hindedhiinaa” jedhe. Jennaan yoma sun ka sodaa fi gammachuu guddoo qaban ka'anii awwaala kaan biraa yaa'anii ori'anii jara Yesusiiti himan. Yesus tassa warratti gad ba'ee, “Bultiin isaan nagaa?” jedheen. Itti dhi'aatanii, miila isaa qabatanii sagadaniif. Jennaan Yesus warraan, “Hinsodaatinaa, dhaqaa obbooleeyyan tiyyaan, ‘Galiilaa dhaqaa achitti na argitanii’ jedhaan” jedhe. Nadheen itti dhaabannaan, warrii waraanaa ka awwaala eegu hagii garii dira dhaqee, waan cufa qaallolee gugurdotti hime. Qaallolee gugurdoo fi jaarroleen walwaldeettee mari'attee, horii guddaa warra waraanaatti kennitee, “Jara isaatti halkan, adoo nu rafuu jiruu, dhufee reeffa isaa hate jedhaa biyyatti himaa! Yo hayyuun waan kana dhaga'e, nutti itti himaa, homa tokkoollee hinsodaatinaa” jedhan. Warrii waraanaa kaan horii fudhatee, waan tolchaa jedhaniin tolche. Yihudiin arraallee dubbuma tana dhageettee dhugeeffatti. Jarii kudhanii tokkoo gara gaara lafa Galiilaa keessaa, ka Yesus warratti himee dhaqe. Isa arginaan ulfeessaanii, namii garii ammoo mame. Yesus warratti dhi'aatee, “Jabeenna cufa, ka lafaa fi gubbaallee, ya natti kennaan. Tanaaf fulaa cufa yaa'aa, gosa cufaa nama kiyya tolchaa; maqaa abbaatiin, ka ilmaatii fi Hafuura Qulqullotiin nama cuuphaa, waan anin isanitti hime cufa akka guuttan warra barsiisaa! Beekaa, haga guyyaa muummeellee anin isan waliin jiraa” isaaniin jedhe. Oduun dansaan Yesus Kiristoos ilma Waaqaa tana. Kitaaba keessatti, “Ilaal anin ergamaa kiyya si dura ergaa, akka karaa sii midhaassuu” jetti. Kitaaba raaga Isaayas keessatti ammoo, “Qoonqootti lafa gammoojjii keessaa iyyaa dhaqaa dhageeffdhaa, ‘Karaa Aabboo kurfeessaa, daandii isaa qajeelchaa!’ wantii jedhaa la barreeffamte.” Yoh. aannis lafa gammoojjii dhufee, aadaa cuuphama jedhan biyyaa kennee, “Cubbuu irraa deebi'aa, aadaa cuuphamaa fudhadhaa, akka Waaqii cubbuu teessan isanii araaramu” jedhe labse. Namii Yihudaatii fi ka Yerusaalem keessa jiruulleen cuftii dhaqee Yoh. aannis caqasee, cubbuu ufii himatanii jennaan, innii galaana Yordaanos keessatti warra cuuphe. Wayaan Yoh. aannis rifeensa gaalaati, gurdaa hidhaanaatti hidhatee, awwaanisaa fi damma nyaachaa jiraate. Innii, “Eegii tiyya, nama narra jiruutti dhufa, ka seemsaa kophee isaallee anin gajedhee hiikuu hinmalin. Anin bisaaniin isan cuuphee, innii ammoo Hafuura Qulqulloon isan cuupha” jedhee labse. Bara sun Yesus Naazireet lafa Galiilaa keessaa dhufee, Yoh. aannis galaana Yordaanos keessatti isa cuuphe. Akkuma Yesus bisaan keessaa ba'een, gubbaan Waaqaa banamtee, Hafuura qulqulloo bifa sabaliisaa qabu, ka isa gubbaa bu'uu arge. Qoonqoon Waaqaa gubbaa, “Atin ilma kiyya tokkocha, ka guddoo na gammachiisu” jettu dhufte. Jennaan Hafuurii Qulqulloon gammoojjiitti isa baase. Innii bultii afurtamaa gammoojjii keessa taa'ee, Sheexanii isa laallate. Bineensa alaa jiddu taa'ee, ergamtootii Waaqaa isa qorqoratte. Eegii Yoh. aannis qaban, Yesus Galiilaa dhaqee, oduu dansaa gara Waaqaatii dhufte himee, “Yo'ii yaayyuu ga'ee, Mootummaan Waaqaa la dhi'aattee, cubbuu irraa deebi'aa, oduu dansaa tana dhugeeffadhaa” jedhe. Adoo innii dhaattuu galaana Galiilaa deemuu, Simoonii fi obbooleessa isaa Indiriiyaas, ka xuruuraa qurxummii galaana keessa buusan, arge; warrii guurtuu qurxumiiti. Yesus warraan, “Na gula koottaa, anin guurtuu namaa isan tolchaa” jedhe. Xuruuraa ufii achumaatti lakkisanii hurrisanii isa gula yaa'an. Diqqoo deemnaan, innii Yaaqobii ilma Zabdewositii fi Yoh. aannis obbooleessa isaa arge. Warrii hoboloo keessatti xuruuraa qurxummii midhaafachuutti jira. Innii akkuma argeen yaamee, duuba abbaa fi hojjattu isaanii hoboloo keessatti lakkisanii isa gula yaa'an. Yesusii fi jarii isaa dira Qifirnaahom dhumnaan, innii guyyaa Sambataa mana Waldeennaa seenee biyya barsiise. Biyyitii waan innii barsiise guddoo maadeefatte, waan innii akka jara seera beekuu hinbarsiimnee, ammoo akka nama humna qabuu barsiiseef. Namii jinnii qabuu tokko ka mana Waldeennaa sun keessa jiru iyyee, “Yesus Naazreet atin maan nurraa qabda? Nu balleessuu dhuftee? Anin si beekaa, atin Qulqulloo Waaqaati” jedhe. Yesus jinnii dhowwee, “Callisii isa keessaa ba'i” jedheen. Jinniin taan namicha harguftee, lallabdee, iyyitee keessaa baate. Biyyitii cuftii guddoo maadeeffattee waliin, “Takka agartanii-dhageettanii? Barsiisaan haareettiin tun maal? Namii kunin guddoo jabeenna qaba! Innii jinniillee inajajaa; jinniilleen inajajaamtiif” jette. Mar. ruma tokkoon gurrii isaa ardaa lafa Galiilaa cufa gahe. Mana Waldeennaa keessaa ba'ee jennaan, Yaaqobii fi Yoh. aannis waliin, mana Simoonii fi Indriiyaas dhaqe. Jaartiin soddaa Simoonii, qandhoo fuutee ciifti, akkuma Yesus achiin ba'een itti himan. Innii gara isii dhaqee, harka qabee olkaase. Qandhoon isii irraa galtee, isiin warra gololchitte. Laftii galgaloomnaan nama fayyaa hinqamnee fi ka jinnii qabu cufa isattiin dhufan. Namii diraa cuftii balbala duratti walti ba'e. Innii nama dhukkuba gosa gosaatiin gaargalaa ture cufa fayyisee, jinnii hedduullee nama keessaa baase, jinniin waan isa beettuuf innii isii dubbachuu dhowwe. Boriyyaa, barraaqa dheeraa gara afaan barii gula, Yesus ka'ee, fulaa namii hinjirre dhaqee Waaqaa kadhate. Simoonii fi waahelootii isaa ammoo Yesus barbaadan; isa arginaan, “Namii cuftii si barbaaduu jira” jedhaniin. Innii ammoo, “Koottaa, gara dira nutti aanuu yaanaa, akka achiilletti haasa'uu; anin waan kanaaf dhufee” isaaniin jedhe. Jennaan innii lafa Galiilaa cufa keessa dedeemee, Manneen Waldeennaa keessatti haasa'ee, jinnii nama keessaa yaase. Namii tokko ka qomaaxaa qabu isatti dhufee, miilaatti jigee, “Atin yo silaa na fayyisuu feete, indandeetta” jedhee isa kadhate. Yesus na'eefii, harka dheereffatee, isa qabatee, “Infedhaa fayyi” jedheen. Achumaatti qomaaxaan irraa baddee, namichii fayyee qulqullaa'e. Jennaan Yesus akka jabaa isa gorsee, “Ufi eegadhu, nama tokkolletti hinhimin! Ammoo deemii, qaallicha guddaa ufi garsiis, sooriyoo Musee irraa dhufte qalii, akka namii fayyaa tee argu” jedheenii ufi biraa deemsise. Namichii kaan ammoo achii deemnaan akkuma arge fuluma cufaatti haasa'e. Tanaaf Yesus dhossaa malee dira tokkollee seenuu dadhabee, fulaa namii hinjirre ala taa'ee biyyitii fuluma cufaa isatti dhufte. Bultii diqqoon duuba, Yesus deebiyee Qifirnaahomitti gallaan, biyyitii akka innii galee mana jiru dhageette. Namii mana guutee irraa afee balbala duratti walti ba'ee fulaa bahaniinu dhabaan. Innii dubbii Waaqaa warratti haasa'e. Jennaan namii afur nama kokottaa'e tokko baatee isattiin dhufe. Gumiif Yesusiitti dhi'aachuu dadhabanii jennaan, gubbaa manaa qajeela Yesus jiruun diiganii afaan itti tolchanii namicha kaan siruma innii irra ciisu taan waliin isa dura gad buusan. Yesus dhugeeffachaa jara kaanii arginaan nama kokottaa'e kaaniin, “Gurbaa kiyya, cubbuu tantee ya sii araaraman” jedheen. Jarii seera beeku ka achi jiru garaa ufii keessatti, “Namichii kun akkam akkana dubbata? Waaqaa arabsaayyuu? Waaqaa malee eentu danda'ee cubbuu namaa araarama?” jedhe. Jennaan Yesus akka warrii garaa ufii keessatti waan kana herregu beennaan, “Isan maaf waan akkanaa kana garaa keessan keessatti herreddan? Nama kokotta'e kanaan ‘cubbuu tantee la sii araraamaan’ jechuu fi, ‘ka'ii siree tantee fudhadhuu gali’ jechuu tamiitti irra laaftuu? Ammoo akka ilmii namaa lafa tana irratti jabeenna cubbuu namaa araaramuun qabu beekaa!” isaaniin jedhe. Innii namicha kokotta'e kaaniin, “Ka'ii, siree tantee fudhadhuu, gal” jedheen. Innii ka'ee, siree ufii fudhatee, nama cufa duratti itti dhaabate. Tanaaf namii cuftii mamee, “Nu waan akkanaa kana takka hingarre” jedhe Waaqaa guddise. Yesus ammallee gara galaanaa dhaqee, gumiin isatti dhumnaan barsiise. Innii adoo deemuu, Lewwii, ilma Alfewosii, ka mana qaraxaa keessa taa'u argee, “Na gula kootti” jedheen. Innii ka'ee, Yesus gula deeme. Eegii sun Yesus mana Lewwii keessatti sagalee nyaate. Jara qaraxaa guuruu fi namii cubbooti hedduun, ka Yesus gula yaa'uu, Yesusii fi jara isaa waliin tataani sagalee nyaatan. Jarii seera beeku ka Fariisootaa, isaa warra cubbootaa fi jara qaraxa guuru waliin sagalee nyaatu arginaan, jara isaatiin, “Innii maaf jara qaraxa guuruu fi warra cubboota waliin sagalee nyaata?” jedhan gaafatan. Yesus waan kaan dhageennaan, “Namii fayyaa qabu cirreessa hinbarbaadu, ka fayyaa hinqamneetti barbaada male. Anin nama qajeelaa yaamuu hindhumne, nama cubbichaaf dhufe male” Isaaniin jedhe. Jarii Yoh. aannisiitii fi ka Fariisootaa gaafas ufi agabsee; biyyitii isatti dhuftee, “Jarii Yoh. aannisiitii fi ka Fariisootaa maaf ufi agabsa, ka jarii kankee ufi hinagabsine?” jettee gaafate. Yesus, “Keessumaan fuudhaa dandeettee agabdii? Hiyyo, haga abbaan fuudhaa warra waliin jiru dandaanii ufi hinagabsan. Ammoo yohii abbaa fuudhaa warra biraa fuudhan indhufa, yoos guyyaa sun ufi agabsan. Namii wayaa haareettii kootii dullattitti hinerbu. Yo akkas tolche, wayaan haareettiin wayaa dullattii tarsaafteetti tarsaan guddatti. Namii daadhii oowwituu gorjoo dullattitti naqu hinjiru. Yo akkas tolche, daadhiin gorjoo tarsaafteetti, daadhii fi gorjoolleen baddi. Daadhiin oowwituun gorjoo haareettii malte” Guyyaa Sambataa tokko, adoo Yesus oobruu dargaayyee keessa deemuu jarii isaa dargaayyee xuruurratee nyaate. Fariisootii isaan, “Mee laali, warrii maaf waan aadaa hinta'in guyyaa Sambataa tolcha?” jette. Yesus warraan, “Isan waan Daawit gaafa isaa fi jarii isaa sagalee dhabee beela'ee jennaan tolche hindubbimnee? Innii bara Abiyaataar qaallicha guddaa, Mana Waaqaa seenee qixxaa Waaqaa baasan, ka silaa akka seeraatti qaallolee malee namii dhibiin nyaachuu hinmalin nyaate; ammallee jara isaa waliin jiruullee qoode” isaaniin jedhe. Innii warraan, “Sambataatti namaaf uumame malee, namii Sambataaf hinuumamne. Tanaaf ilmii namaa abbaa Sambataati” jedhe. Yesus ammallee Mana Waldeennaa seennaan, nama tokko ka harkii kokotta'e achiitti arge. Warrii tokko ka Yesus himachuu fedhe akka innii guyyaa sanbataatiin isa fayyisu ilaalaa jedhee achi tata'ee eege. Yesus nama harkii kokottaa'e kaaniin, “Koottii, jidduu tana ejji” jedhe. Biyyaan, “Guyyaa Sambataa waan dansaa tolchuun seera moo seeraanii? Kun guyyaa lubbuu fayyisaan moo ka lubbuu ijjeesan?” jedhe. Warrii ammoo isa gula dubbachuu didee callise. Tana irratti innii aaree warra mimillatee, marroo jabeenna garaa warraatiif laaleffatee namicha kaanin, “Harka diriirfadhu” jedhe. Innii harka ufii diriirfannaan fayye. Fariisootii gad yaatee hojjuma sun jara Herodisii waliin kora tolchitee, akka Yesus ijjeesan walmari'atan. Yesus jara ufii waliin gara galaana Galiilaa deebi'ee, waan innii tolche dhageennaan gumiin guddoon biyya Galiilaa, ta Yihudaa, ta Yerusaalem, ta Edoomiyaa, ta Yordaanos gamaa, ta dira Xiroostii fi Sidooniilleen walti baatee, isatti dhufte. Innii akka gumiin guddoon isa hindadarbine, jara isaatiin, “Hoboloo tokko naa kurfeessaa” jedhe. Mar. roo innii nama hedduu fayyiseef namii dhukkuba qabu cuftii isa tuquu fedhee waldhidhibe. Jinniin yo isa argite cufa, isa duratti jiddee iyyitee, “Atin ilma Waaqaa” jette. Innii ammoo akka isiin nama isa hinbeesimne jabeessee itti seere. Jennaan Yesus gaara tokko koree, jara fedhu ufiitti yaamee, warrii isatti dhufe. Jennaan akka isa waliin taani fi ammallee akka deemanii qoonqoo Waaqaa biyya barsiisaan nama kudhanii lamaa foohatee nama ufii tolfatee, warra foohate kaan, “Ergamtoota” jedhee yaame. Ammallee humna jinniin nama keessaa baasanillee isaanii kenne. Warrii kudhanii lamaa ka innii foohate kana, Simoon, ka innii, “Phexros” jedhee moggaase; Yaaqoobii fi Yoh. aannis, ilmaan Zabdewos ta innii isii lachuu, “Bo'anerges” jedhee moggaase, akkas jechuun “Ilmaan mandiisuu” jechuu. Indriiyaas, Filiphos, Bartolomewos, Maatewos, Toomas, Yaaqoob ilma Alfewosii, Taadewos, Simoon nama lafa ufii jabeessu, Yihudaa nama lafa Keriyotii ka Yesus gurgurate. Jennaan Yesus gara manaa gale. Gumiin guddoon itti baatee isaa fi jarii isaalleen sagaleellee nayaachuu dadhabe. Waan kaan dhageennaan fiixaan isaa, “Innii ya maraate” jettee isa fuudhuu dhufte. Warrii Seera beeku ka Yerusaalemii dhufe ammoo, “Bi'el Zeebuliitti isa qabate, ammallee humna guddaa jinniitiin jinnii nama keessaa baasa” jedhan. Duuba Yesus biyya yaamee, mammaassaan, “Sheexanii akkamiin danda'ee Sheexana baasa? Laftii tokko yo ufii gargarii baatee, laftii sun inbaddi. Warrii manaa tokkoo yo gargarii ba'ee, warrii sun inbada. Ammallee Sheexanii yo silaa waldidee jabeennii isaa qoodamee, innii danda'ee hinjabaatu; sunin muumme isaati” jedhe. Yo qaraa isa hidhe malee, namii mana nama jabaa tokko danda'ee cabsee seenee mi'a isaa saamu hinjiru. Yo sun callaa manii isaa saamamuu danda'a. Dhugumaa, waan anin isanitti himu, “Cubbuu fi arraba hamaa namii dubbatuullee cufa Waaqii namaa inaraarama, namii ammoo Hafuura Qulqulloo arrabsu cubbuu itti taati malee haga jiruu jireennaa araarama hinargatu” isaaniin jedhe. Wantii Yesus akkana jedheef, waan qara biyyitii, “Innii jinnii qaba” jetteef. Jennaan haadhaa fi obbooleeyyan Yesusii dhufanii, ala ejaajjanii, nama isatti erganii yaaman. Gumiin isa dhaattuu teteettu, “Laali, haatetii fi obbooleeyyan tantee ala ejaajjanii si gaafachuutti jiraan” jedhaniin. Innii, “Haadha tiyyaa fi obbooleeyyan tiyya eennu?” isaaniin jedhe. Biyya isa marsitee ciiftu millatee, “Kunoo, haadhaa fi obbooleeyyan tiyya tana. Namii fedhii Waaqaa guutuu cuftii obbooleessaa fi haadha tiyya” jedhe. Yesus ammallee dhaattuu galaana Galiilaatti nama barsiisuu jalaqabe. Mar. roo gumiin guddoon isatti dhufteef, innii hoboloo tokko ta galaana gubbaa teettu keessa seenee taa'e. Gumiin cuftii afaan galaanaa teteette. Innii waan hedduu mammaassaan biyya barsiisee, barsiisa ufii keessatti, “Dubbii tana caqasaa! Namii tokko midhaan facaafachuu dhaqe. Adoo innii facaasuu, midhaan garii daandii keessatti jiganii, simphirreen dhuftee nyaattee hobbaafte. Midhaan garii lafa dhakaa gubbaa jigan, fulaa biyyeen guddoo hinjirre; duuba hurree ba'an, ammoo marroo biyyeen guddoo gad hinjirreef, aduun baanaan waan hidda hinqamneef gubatanii gogan. Midhaan garii qoraattii keessatti jigan. Duuba qoraattiin baatee, midhaan qancarsitee, midhaan baasuu dhowwite. Midhaan garii fulaa biyyee dansaa jiganii, ba'anii, midhaan dansaa baasan, ka garii soddoma, ka garii jaatama, ka garii dhibba dhalan” jedhe. Yesus ammallee, “Namii gurra qabu ha dhaga'uu!” jedhe. Adoo innii kophaa jiruu, jarii isa gula yaa'uu fi jarii kudhanii lamaan kaan waan mammaassaa kana isa gaafate. Innii deebisee, “Waan dhossaa ta Mootummaa Waaqaa qaraa ya isanii kennan; warrii ala jiru ammoo mammaassa callaa dhagaa, akka, ‘Adoo jabeesaanii ilaalaniillee homaa hinagarre, adoo jabeessaanii caqasaniillee homaa hinhubanne; maaliif, yo akkas tolchan, silaa Waaqatti deebi'anii, Waaqii namaa araarama’ ” isaaniin jedhe. Jennaan Yesus, “Mammaassii kun isanii hingaluu? Yo kun isaan hingalle mammaassii dhibiilleen cufa akkamiin isaan gala ree? Namii facaasu dubbii Waaqaa facaasa. Midhaan garii daandii keessatti jigan, kunin nama dhagayee, akkuma dhagayeen Sheexanii dhufee dubbii garaa isaanii keessatti facaasan irraa fudhatu. Laftii dhakaa, fakkeenna nama dubbii dhagayee gammadaan fudhaatuu. Warrii ammoo akka lata mukaa ka hidda gad fagoo hinqamneeti, yo dhiphuu fi gaargalii marroo dubbii Waaqaatiif itti dhufu yoosu jigan. Ka garii qoraatti keessatti jigan. Kunin nama dubbii dhagayee, ammoo dhiphuun lafa tanaa, gammada horiitii fi dharraan gosa cufaa seentee, akka midhaan hinbaamne dubbii qancarsitu. Ka garii biyyee dansaatti jigan. Kunin nama dubbii dhagayee fudhate, midhaan ka garii soddoma, ka garii jaatama, ka garii dhibba baasu” jedhe. Yesus warraan, “Isii, dhuguma ibsee dhufaniinii qorii yokaan siree jala inkayanii? Gubbaatti fannisaniinitii? Wantii dhossan ta hinmullanne hinjirtu, yokaan wantii daboolaan ta hinbuqimne hinjirtu. Namii gurra qabu ha dhaga'uu!” jedhe. Ammallee innii warraan, “Waan dhageettan midhaaffadhaa! Waan isan namaa kennitan itti isanii daranii isaniillee kennan. Nama wa qabu itti daraniif, ka homaa hinqamne ammoo waan innii qabuullee irraa fuudhan” jedhe. Jennaan innii, “Mootummaan Waaqaa akka nama oobruu ufii keessatti midhaan facaafatee jirti. Namichii halkan rafee, guyyaa ka'a, adoo innii hinbeekkatin midhaalleen ba'anii guddattan. Laftii ufiin midhaan baafti, qaraa biqila, itti aansitee baala, eegee dargaayyee bilchaattuu. Yo midhaan bilchaatan, innii waan midhaan bilchaataniif, marroo tokkoottuu mura” jedhe. Ammallee innii, “Mootummaa Waaqaa nu maaniin walfakkeesina? Mammaassa kamiin himna? Isiin gumaa dambii ka yo oobran gumaa cufa irra diqqaa fakkaatti. Ammoo eegii facaasan guddateetti, mukaa cufaa irra dheeratee, damee baasa, akka simphirreen keessatti mana jaarrattee teettu” jedhe. Yesus mammaassa akkanaa hedduun haga warrii dhaga'uu danda'uu cufa itti hime. Innii mammaassa malee warratti hinhaasoomne; kophaatti ammoo jara ufii waan cufa barsiise. Guyyuma sun, laftii galgaloomnaan, Yesus warraan, “Koottaa gama kaanitti taakkinaa” jedhe. Duuba warrii ka'ee gumii biraa yaa'ee, ergamtootii hoboloo qaraa Yesus keessa jiru keessa duuddee isa fuutee kaatee itti dhaabatte; hobolootii dhibiilleen isa waliin yaate. Jennaan bubbeen guddoon bubbiftee, dhawaan galaanaa hoboloo seentee, diqqumaa bisaan hinguutin. Yesus ammoo hoboloo duuba, saaboo gubbaa rafuu jira. Biyyii isa dammassitee, “Aabboo, badiin teenna si hindhibduu?” jette. Yesus ka'ee, bubbee dhowwee, dha'aa bisaaniilleen “Callisi!” jedhe. Bubbeen callimnaan laftii caqalli jette. Jennaan innii warraan, “Maaf akkana sodaattan? Ammallee dhugeeffachaa inqabdanii?” jedhe. Warrii guddoo sodaatee, waliin, “Namii kun eennu, ka bubbee fi galaaniilleen sarmuuf?” jedhee walgaafate. Yesusii fi jarii isaa moggaa galaana Gergeesaa geennaan, akkuma innii hoboloo keessaa bu'een, namii jinnii hamtuu qabu tokko awwaala keessaa ba'ee isatti dhufe, namii kun awwaala keessatti gala, namii tokkolleen sibiilaalleen isa hidhuu hindandeene. Mar. roo hedduu harkaa fi miila isaa sibiilaan hidhanii, ammoo sibiilaa cufa gargarii mamaaqee, ammallee sibiilaa miilaan hidhanillee kukkute. Namii tokkolleen isa eeguu dadhabe. Halkan guyyaa innii awwaalaa fi gaara gubbaa dedeemee iyyee, dhakaan ufii dhaane. Yesus fagootti arginaan, utaalee, duratti jigee, qoonqoo olfudhatee, lallabee, “Atin maan narraa qabda, Yesus ilma Waaqaa guddaa gubbaa jiru? Anin maqaa Waaqaatiin si kadhadhaa, na hingaargalchin” jedhe. (Wantii innii akkas jedheef, waan Yesus qaraa jinnii suniin, “Jinnii, namicha kana keessaa ba'i” jedheef.) Duuba Yesus, “Maqaan kee eennu?” jedhee gaafannaan, innii, “Maqaan kiyya Gumii, nu hedduu” jedhe. Innii akka innii lafa sun keessaa isa hinbaamne guddisee Yesus kadhate. Booyyee guddootti laagaa gaaraa dheeduu jira jennaan, Jinniin Yesus kadhattee, “Booyyee sunitti nu ergi, akka nu dhandhee keessa duunnu” jette. Yesusilleen gadlakkisee; jinniin namicha keessaa yaatee, booyyee keessa duuddee, booyyeen haga kuma lamaa geettu sun gaara irraa konkolataa gadjidee, galaana duuddee, galaanii liqimse. Tissituun baqattee, oduu taan diraa fi reeraalleetti odeesite. Jennaan biyyitii daawachuu dhufte. Yesusitti dhufanii, namicha jinnii hedduu qabu kaan, ka wayya uyyifate, ka qalbii ufii qabu ka achi taa'uu arganii sodaatan. Warrii duraan achi jiru ka waan namichii jinnii hedduu qabuu fi waan booyyeen taate argee warratti hime. Jennaan warrii akka innii lafa warra keessaa ba'uu Yesus kadhate. Adoo innii hoboloo keessa seenuu jiruu, namichii qara jinnii qabu kaan, “Si waliin deema” jedhee Yesus kadhate. Yesus ammoo didee, “Beenii, warra kee galii, waan Aabboon sii tolchee fi akka innii sii nahee warratti himi” jedheen. Innii ka'ee galee, lafa Dira Kudhanii cufa keessatti waan Yesus isaa tolche haasa'ee; namii isa dhaga'e cuftii mame. Yesus hoboloon galaana gama kaanitti taakkinaan, adoo innii dhaattuu galaanaa jiruu, gumiin guddoon ammallee isatti baate. Namichii tokko, ka Yaayiros jedhan, guddaan Mana Waldeennaa isatti dhufee. Yesus arginaan, miila isatti jigee, “Intaltii tiyya diqumaa hindu'in, koottii, akka isiin fayyitee jiraattuu harka kee isii irra kaa'i” jedhee guddisee kadhate. Jennaan Yesus ka'ee isa waliin deeme, gumiin guddoon isa gula dhuftee isa gaargalchite. Niitii, tokkotti jiraa ta ganna kudhanii lamaa dhiigii keessaa yaa'ee cituu didee gaargaalche. Isiin guddoo harka cirreeyyitti gaargaltee, horii hobbaafte, ammoo fayyuu dadhabdee haga qaraallee irra dhibamte. Oduu Yesus dhageennaan, gumii keessaa dudda isaa duubaan dhuftee, wayya isaa tuxxe. Isiin garaa ufii keessatti, “Anin yo wayuma isaa callaa qabadhellee, infayya” jette. Hojjuma sun dhiigii yaasuma lakkisee, akka fayyitee nafa keessatti ufii beette. Yesus marroo tokkottuu akka humnitii fayyichu isa keessaa baate arginaan, gumii keessa garagalee, “Eentu wayaa tiyya tuqe?” jedhe gaafate. Jarii isaa ammoo, “Gumii si dhiibdu, adoo argituu, ‘Eentu na tuqe’ jettee gaafataa?” jedhan. Yesus ammoo nama isa tuqe arguuf warra millate. Niitiin taan waan taate beettee, sodaattee, hollattee, dhuftee, isa duratti jiddee, diidesitee waan cufa itti himte. Innii isiin, “Intala, dhugeeffachaan tee la si fayyiftee, nagaan deem, dhukkuba kee fayyii” jedheen. Adoo Yesus dubbachuu jiruu, namii garii ka mana nama guddaa suniitii dhufee waan jedheen, “Intaltiii tee la dootee; maaf ammallee teettee mooticha gaargalchitta?” jedhaniin. Yesus ammoo dubbii warraa caqasuu didee, guddaa Mana Waldeennaatin, “Hinsodaatin, ammoo dhugeeffachuma dhugeeffadhuu” jedhe. Jennaan Yesus, Phexros, Yaaqobii fi Yoh. aannis obbooleessa Yaaqobii malee nama cufaa ufi jalaa rare. Warra nama guddaa Mana Waldeennaa kaan geennaan, Yesus huursaa gumii dhagayee laallaan biyya caartee boottee wawaattu arge. Mana seennaan innii warraan, “Isan maaf boottan? Intaltii rafuu jirtti malee hindoonee” isaaniin jedhe. Warrii isatti koblee, innii ammoo warra cufa alaatti gadyaasee, jennaan abbaa intalaa, haadha isiitii fi jara isa waliin jiru waliin fulaa isiin ciiftu seene. Harka isii qabee, “Xaaliita, quumii” jedheen akkas jechuun, intala, anin ka'i siin jedha jechuu. Hojjuma sun intaltii kaatee dedeemte. Gaafas gannii isii kudhanii lama. Warrii duuba akka takka hinargin maadeffate. Yesus ammoo akka waan kana namii tokkolleen hindhageene jabeessee warratti seeree, “Waan isiin nyaattu itti kennaa” warraan jedhe. Yesus achii ka'ee, lafa ufitti gale; jarii isaalleen isa gula yaa'e. Guyyaan Sambataa geennaan, innii Mana Waldeennaa keessatti nama barsiise. Namii isa dhagayee hedduun mamee, “Namichii kun eessaa waan kana argate? Qaroomii isaa kennan kunin maan? Wantii mamaa ta innii tolchu tun maan? Kunin ogeessa mukatiinitii, ilma Maariyaam, obbooleessa Yaaqoob, Yosees, Yihudaa fi Simooniinitii? Obbooleeyyan isaa ta dubraa arma nu waliin hinjirtuu?” jedhanii isa didan. Yesus warraan, “Raagii lafa ufii, fiixaa ufiitii fi warra ufii keessatti malee, fulaa cufaatti ulfinna qaba” isaaniin jedhe. Warra garii ka fayyadhabe harka irra kaa'ee fayyisee malee, achi keessatti waan mamaa tolchuu dadhabe. Waan warrii dhugeeffachaa dhabeef guddoo mame. Jennaan Yesus ollaa cufa keessa dedeemee barsiise. Jara kudhanii lamaan walti yaamee, humna jinnii hamtuun dabsatan itti kennee lama lamaan erge, “Imaltuu teessan keessa, ulee malee, homa tokkollee hinfudhatinaa, qixxaa fi subba, beeseellee hinfudhatinaa. Kophee salalaa keeyyadhaa, ammoo ubbaara lamaallee hinkeeyyatinaa” jedhe. Ammallee warraan, “Yoo mana namaa tokkoo olduuddan, haga achii yaatanitti artuma turaa. Fulaa isan hindhi'eesine cufa, yokaan fulaa namii itti isan hindhageenne cufaatti, awwaara miila keessaan irra haxaadhaa deemaa, akka himachaa warraa taatu” jedhe. Tanaaf warrii ka'e yaa'ee, “Cubbuu irraa deebi'aa” jedhe nama barsiise. Jinnii hedduullee baasanii, nama fayyadhabe hedduu dhadhaa dibanii fayyisan. Waan maqaan Yesusii fulaa cufa ga'eef, hayyuu Herodis waan kaani dhagaye. Namii garii, “Yoh. aannisiin nama cuuphuu la du'a keessaa ka'e, tanaaf innii waan mamaa kana tolchaa” jedhe. Namii garii ammoo, “Innii Eliyaas” jedhe. Namii garii, “Innii raaga, akkuma raaga durii jiruu” jedhe. Herodis ammoo waan kaan dhageennaan, “Isii Yoh. aannis, ka anin mataa irraa kuchisiisetti, du'aa ka'ee?” jedhe gaafate. Herodis durii waan Herodiyaas, niitii Filiphosii, obbooleessa isaa ta ufii fuudhe jedhee, nama itti ergee, Yoh. annnis qabsiisee hiisise. Yoh. aannis ammoo, Herodisiin, “Akkii atin niitii obbooleessa keetii fuutu aadaaniti” jedhe. Herodiyaan guddoo Yoh. aannis haaloo fuutee ijjeesuu feetee, ammoo dadhabde. Tanaaf Herodis waan akka Yoh. aannis nama qajeelaa fi qulqulloo ta'e beekuuf isa sodaatee, eesise. Innii adoo hojjaa dubbii Yoh. aannis dhagayu cufa guddoo rifateellee, ammoo silaa isa caqasuu fedha. Herodiyaas guyyaa qaabachaa dhaloota ufiitii jedhee, bulchoota lafaa gugurdoo, warra matooma loltuu waraanaatii fi warra jajjabaa Galiilaa keessatti beekkaman cufa walit yaamee, jilaa guddoo tolfatee, hujiin isaa dansaan mullatte. Intaltii Herodiyaas olseentee, sirbitee, Herodisii fi keessumaa isaa guddoo gammachiifte. Jennaan hayyuun intalaan, “Waanuma feete cufa gaafadhu, anin sii kennaa” jedheen. Innii isii kakatee, “Waan atin na gaafate cufa, adoo moggaa lafa anin fiduu tokko taateellee, anin sii kenna” jedheen. Isiin dhaxxee haadhaan, “Anin maan gaafachuu male?” jette. Jennaan isiin, “Mat. aa Yoh. aannis nama cuuphuu gaafadhu” jetteen. Tanaaf isiin yoosuma urichee gara hayyuu deebitee, “Mat. aa Yoh. aannisii nama cuuphuu qorii guddoo keessa naa kaa'ii, ammumaan tana na kenni” jetteen. Hayyuun guddoo laaleffatee, ammoo marroo kakuu ufitiif ammallee marroo keessumatiif dubbii isii diduu dadhabe. Tanaaf hayyichii yoosuma warra waraanaa keessaa nama tokko ergee, “Meenii mataa Yoh. aannisii irraa kutii, koottiin” jedhe. Namii waraanaa kaan deemee, mana hidhaansaa dhaqee, mataa Yoh. aannisii mormatti irraa kutee, qorii guddoo keessa kaa'ee, intalatti kenne, intaltii ammoo haadha ufitti kennite. Jarii Yoh. aannis waan kaan dhageennaan deemee, reeffa Yoh. aannisii fuudhee awwaale. Ergamtootii Yesusitti dachaatee, waan tolchitee fi waan barsiifte cufa isatti himte. Innii warraan, “Lafa moggaatti nu yaasaa kophaa teteennee diqqoo boqonnaa” jedhe. Wantii akkanaatiif nama hedduutti olii gad yaa'aa tanaaf sagalee nyaachuu dadhabne. Kophaa isaanii hoboloo keessa duudanii, lafa moggaa dhaqan. Namii hedduun warra yaa'uu jiru argee warra hubatee, dira cufa keessaa miilaan ori'ee, warra duratti achiin ba'e. Yesus hoboloo keessaa buunaan, gumii guddoo re'ee tissituu hinqamne fakkaattu argee na'eef. Innii waan hedduu warra barsiise. Laftii galgaloomnaan, jarii isaa isatti dhufee, “Laftii moggaa, aduulleen ya dhiitee, biyya gadi dhiisi, akka reeraa fi ollaa keessa yaa'anii waan nyaatan bitatan” jedhe. Innii ammoo, “Isaniiyyuu waan warrii nyaatu kennaaf” jedhe. Warrii deebisee, “Yaaneetti qixxaa qarsii damoosa guyyaa dhibba lamaatiin binnaa ree, akka warrii nyaatu?” jedhan. Innii warraan, “Isan qixxaa hagam qabdan? Me beenaa, ilaalaa” jedhe. Laallaan, “Qixxaa shanii fi qurxummii lama qamna” jedhan. Jennaan Yesus biyya gargarii qoqoodee, “Buuyyoo dotii gubbaa tataa'aa” jedheen. Jennaan biyyitii, fulaa garii dhibbaan, fulaa garii shantama shantamaan teteette. Innii qixxaa shanii fi qurxummii lamaan taan guuree, gara Waaqaa ollaalee, eebbisee, qixxaa cacabsee, akka biyyaan gololchan jara isatti kenne. Ammallee qurxummii lamaanillee biyya cufaa qoode. Namii cuftii nyaatee quufe. Warrii hambaa qixxaatii fi qurxummiillee ta daduu kudhanii lamaa miyyuu guure. Jarii dhiiraa ka qixxaa nyaate nama kuma shaniiti. Yoma sun Yesus adoo gumii ufirraa galchuu, jara isaatiin, “Beenaa, hoboloo duudaa na dura gama galaanaa gara dira Betsayidaa taakkaa” jedheen. Eegii biyyaan nagaatti jedhe ufii dhaqee gaara koree Waaqaa kadhate. Laftii dukkanoomnaan, ka hoboloon jidduu galaanaa deemtuu, innii kophaa lafa godduutti hafe. Akka warrii hoboloo keessatti marroo dhawaa bubbeetiif guddoo gaargala qabu argee, barraaqa dheeraa bisaan gubbaa deemaa dhufee, ka diqumaa bira hindabrin warraan ba'e. Warrii ammoo ekeraa sehee iyye. Warrii cuftii isa arginaan babakake. Jennaan Yesus warratti dubbatee, “Naa garaa jabaadhaa hinsodaatinaa” jedheen. Innii hoboloo warraa seennaan, bubbeen callifte. Warrii akka takka hinargin maadeffate. Mat. aan warraa waan duudeef akkii mamaa ka innii qixxaa suniin hojjate haga ammaa warraa hingale. Galaana taakkinaan, lafa Genesaarexii dhufaan, hoboloo lafa godduu afaan galaanaatti hidhatan. Akkuma isaan hoboloo keessaa bu'aniin, biyyitii akka Yesus ta'e hubatte. Lafa sun cufa keessa ori'anii nama fayyaa hinqamne itillee irra kaa'anii fulaa isa itti dhagaan cufaatti itti geessan. Fulaa innii seene cufa, ollaa, diraa fi lafa oobruu taanaanillee, nama fayyaa hinqamne geessanii fulaa gabaa kaa'an, akka handaara wayyaa isaa tuqan isa kadhatan; duuba namii isa tuqe cuftii infayye. Fariisotaa fi jarii seera beeku ka garii, ka Yerusaalem dhufee, gara Yesus dhaqe. Warrii akka jarii isaa ka garii, adoo harka hindhiqatin yokaan xurii qabanuu sagalee nyaatan arge. Wantii akkanaatiif akka aadaa jaarollee irraa baratee gula Fariisotaa fi Yihudiin cuftii, haga harka dhiqattuutti sagalee hin nyaattu. Ammallee yo gabaa galaniillee ufi qulqulleessan malee sagalee hin nyaatan; ammallee aadaa dhibii hedduutti ta warrii qabu jira, ta akka dhiqaansa muduunuu, okkotee, eelee fi siree. Tanaaf Fariisotaa fi jarii seera beekuu, “Jarii kee maaf aadaa jaarolee gula hin yaanee, harka xuriitiin sagalee nyaata?” jedhee isa gaafate. Innii deebisee, “Isan kijibdoolee, Isaayaas ka waan keessan himee, dhugaa dubbate, ‘Gumiin tun afaan ufiitiin na ulfeesiti, garaan warraa ammoo naraa fagoo jira. Dharaan na ulfeesiti; wantii akkanaatiif seera namaa akka dubbii Waaqaa barsiisan’ jedhe. Isan seera Waaqaa lakkiftaniitti, aadaa namaa gula yaatan” isaaniin jedhe. Ammallee warraan, “Isan seera Waaqaa akkuma dansaa lakkiftanii, aadaa teessan jabeesitan! Museen, ‘Haatetii abbeetii saalfadhu, nama haadaa abbaan dubbii hamtuu jedhu ha ijjeesanii’ jedhe. Isan ammoo, ‘Namii yo haadhaa abbaa isaatiin, wanni isan silaa narraa argattan, “Qurbaana” ’ (Akkas jechuun Waaqaa kennan jechuu). Duuba isan itti deebitanii, akka innii haadhaa abbaa ufii qarqaaru ee'ee hinjettan. Isan akkas dubbii Waaqaa marroo aadaa teessanitii fi lakkiftan, ammallee waan akkanaa kana hedduu tolchitan” jedheen. Jennaan Yesus gumii ufii yaamee, “Isan cuftii na caqasaa, dubbii tiyya hubadhaa. Wantii alaa nama seenaa ka nama xureessaa hinjirtu, waan yaada garaa namaa keessaa baatti ammoo nama xureessa. Namii yo gurra qabaatee ha dhaga'uu” Isaaniin jedhe. Innii biyya lakkisee mana seenee jennaan jarii isaa waan mammaassa sunii isa gaafate. Innii, “Akka wantii alaa nama seenaa dandeettee nama hinxureessine, isaniilleen hinmidhaaffannee? Isan hinargitanii ree? Mar. roo qalbii isaa hinseentuu, ammoo garaa isaa seentee keessaa baatuuf” jedhe. (Jecha kanaan Yesus akka sagaleen cuftii qulqulloo garsiise.) Innii ammallee, “Waan nama keessaa baatti nama xureesa. Wantii akkanaatiif herregii hamaan garaa namaa keessaa ba'a, cabanummaafaa, hannafaa, ijeechafaa, dhiiraa fi nadheen walbarachafaa, dharraafaa, jallummaafaa, sobafaa, ceeradhabafaa, dhiibbifaa, arrabafaa, ufii saaditii fi daallummaafaa wantii kun cuftii herrega namaa keessaa baati, ammallee nama xureesitti” jedhe. Innii achii deemee, lafa ardaa Xiiroos dhaqee, mana tokko seene. Akka namii tokkolleen isa beeku hinfeennee, ammoo hindhokane. Niitiin tokko ta intaltii isii diqqoon jinnii qabdu waan isaa dhageetee jennaan dhuftee miila isatti jidde. Niitiin tun gosa Griikii, dhalootii isii ammoo Finiiqee, biyya Sooriyaa keessaa. Isiin akka innii jinnii intala isii keessaa baasu, Yesus kadhatte. Yesus, “Eegii, qaraa ha ijoolleen quufututii, sagalee ijoollee duraa fuudhanii saree dura buusuun aadaanitii” jedhe. Niitiin ammoo, “Dhuguma, Aabboo, sareelleen ammoo waan ijoollee irraa harca'e xarapheessaa jalaa, hambaa ijoollee in nyaatti” jetteen. Innii isiin, “Mar. roo waan dansaa jetteef beenii gal, jinniin yaayyuu intala tee keessaa baatee” jedheen. Isiin kaatee galtee, intala, jinniin keessaa baatee siree irra ciiftu agarte. Jennaan Yesus lafa Xiiroosii dhiisee deemee, karaa Sidoontiin, lafa Dira kudhan jedhan keessaa ba'ee, gara galaana Galiilaa dhaqe. Biyyitii nama afaanii gurrallee duudaa tokko isattiin dhuftee, akka innii harka isaa isa irra kaa'u kadhatte. Yesus namicha gumii keessaa kophaatti fuudhee, quba ufii gurra isaa keessa kaa'ee, hancufa tufee, arraba isaa tuqe. Gara Waaqaa ol millatee, hafuura baafatee, “Efaataa” jedhe. Akkas jechuun, “Banami!” jechuu. Jennaan yoma sun gurrii isaa banamee, arrabii isaalleen hiikamee, innii akka dansaa dubbate. Yesus ammoo, “Nama tokkolleetti hin himinaa” jedhee jabeessee warratti seeree, warrii ammoo aduma innii itti himuu haga innii hinhiminaa jedheellee irra haasa'e. Namii waan kana dhaga'e cuftii guddoo mamee, “Innii waan cufa akka dansaa tolche, nama gurrii duudeellee indhageesisa, ka afaan duudanillee indubbachiisa” jedhan. Yoma sun keessa, gumiin guddoon sagalee hinqamne walti baatee, Yesus jara ufii yaamee, “Anin gumii tanaa naha, waan isiin guyyaa sadii na waliin oolteef, ammallee waan isiin waan nyaattu hinqamneef. Egerii yo beeluma tanaan galche, waan namii garii ka fagoo dhufee keessaa jiruuf karaatti gagagabdii” jedhe. Jarii isaa, “Isii, namii danda'ee lafa gammoojjii tana keessatti gumii hagana geettu tana inquufsaa?” jedhe. Innii, “Qixxaa hagam qabdan?” jedhe isaan gaafate. Jennaan warrii, “Torba” jedheen. Jennaan gumii teteessisee qixxaa torbaanuu fuudhee Waaqaa galata galchee, qixxaa cacabsee jara isatti kennee, “Biyyaan gololchaa” jedhe. Jennaan jarii biyya gololche. Warrii qurxummii didiqqoo tokko qaba; jennaan Yesus sullee eebbisee jara isaatiin “Biyyaa kennaa” jedhe. Nyaatanii quufanii, hambaa daduu guguruddoo torba guutan. Namii nyaate kuma afur. Jennaan Yesus biyya ufirraa galchee, hoboloo seenee, jara isaa waliin lafa Daalmaanutaa jedhan dhaqe. Fariisotii dhuftee, Yesusiin wa mormitee, laallachuuf, akka innii akeeka Waaqaa gubbaa isaan garsiisu isa gaafatte. Innii maadefatee hafuura baafatee, “Dhalootii kun maaf akeeka barbaada? Dhugumaa anin akeeka tokkollee dhaloota kanaa hinkennu” jedhe. Warra biraa deemee, hoboloo keessa seenee, gama kaanitti taake. Jarii isaa qixxaa tokkochaa hoboloo keessaa qabu malee wareegaa dhibii ka isaan ga'uu fudhachuu hinqaabanne. Yesus jara isaatiin, “Bukoo Fariisotaatii fi ta Herodis irraa ufi eegadhaa” jedhe. Warrii ammoo, “Isii, innii waan qixxaa hinqamneef akkas jedhee” waliin jedhe. Yesus waan warrii jedhe beennaan warraan, “Maaf waan qixxaa hinqamneef jettanii dubbattan? Ammallee hinbeettanii yokaan hinhubattanii? Qalbiin teessan guddoo wa hinhubattu. Isan ila hinqabdanii hinagartanii? Gurra inqabdanii hindhageettanii? Isan homaa hinqaabattanii? Gaafa anin qixxaa shan caccabsee nama kuma shanii nyaachisee, isan hambaa daduu hagam guurtan?” isaaniin jedhe. Jennaan warrii, “Kudhanii lama!” jedhe. “Ammallee gaafa anin qixxaa torba caccabsee nama kuma afurii nyaachise, isan hambaa daduu hagam guurtan?” Jedheen. Warrii, “Torba” jedhe. Innii warraan, “Isan ammallee hinhubanne ree?” jedhe. Yesus fi jarii isaa Betsayidaa dhufanii, achiitti jarii tokko namicha ballaa tokko isattiin dhufee, akka innii isa tuqu kadhate. Jennaan innii namicha ballaa kaan harka qabee, ollaa keessaa alaatti baasee, hancufa ila isatti tufee, harka irra kaa'ee, “Homaa gartaa?” jedhee gaafate. Iltii banamnaan, innii millatee, “Ee'ee nama in argaa ammoo akka dansaa hubachuu hin danda'u muka yaa'uu jiru na fakkataa” jedhe. Ammallee Yesus harka ufii ila isaa irra kaa'ee, duuba namichii millatee fayyee, waan cufa akka dansaa arge. Yesus namichaan, “Beenii galii, ammoo ollaa sunitti hindeebin” jedheen. Yesus jara ufii waliin ollowwaan lafa Qiisaariyaa Filiphos jedhan dhaqe. Karaatti jara ufii, “Biyyitii eennu naan jetti?” jedhe gaafate. Warrii deebiseefii, “Namii garii Yoh. aannis nama cuuphuu siin jedha, ka garii Eliyaas jedha, ka garii ammoo raaga durii tokko jedhaa” jedhe. Innii warra gaafatee, “Isan ufii eennu naan jettan?” jedhe. Jennaan Phexros, “Atin Kiristoos” jedheen. Jennaan innii, akka nama tokkoleetti hinhimne warratti seere. Jennaan innii warra barsiisee, “Ilmii namaa guddoo gaargaluu male, jaaroleen, qaallolee gugurdoo fi jara seera beekuulleen tuffatamee, ijjeeffamee, ammoo guyyaa sadeessoo du'a in ka'a” jedhe. Innii jecha kaan diideessee dubbatee, Phexros isa kophaatti fuudhee, “Jecha kana hinjedhin!” jedhee dhowe. Yesus ammoo garagalee, jara ufii laalee, hiccinnaa'ee Phexrositti dubbatee, “Narraa fagaadhu, Sheexaana! Atin waan Waaqaa hinherreddu, waan namaa callaa herredda” jedheen. Jennaan Yesus jara ufii walti yaamee warraan, “Namii yo na gula deemuu fedhee, ha ufi mormatee, fannoo ufii baatee na gula deemuutii. Wantii akkanaatiif namii jireenna ufii baasuu fedhuu cuftii hindhaba, namii ammoo marroo tiyyaa fi marroo oduu Dansaatiif jireenna ufii balleessu inargata. Namii waan lafa tanaa cufa argatee ammoo lubbuu ufii yo dhabee maal baatiif? Namii lubbuu ufiitii maal baasuu danadaa? Nama dhaloota hamaa Waaqaa didu cubbichaa kana keessatti naa fi dubbii tiyyaallee didee, ilmii namaa gaafa ulfinna Abbaa ufitiin ergamtoota qulqulloo waliin dhufee isaallee hindida” jedhe. Ammallee innii warraan, “Dhugumaa dhugatiin, isanitti himaa, nama arma ejaaju kana keessa namaa adoo hindonee, Mootumaa Waaqaa ta humnaan dhuftu arguutti jira” jedhe. Guyyaa jahaan duuba, Yesus Phexrosi, Yoh. aannisii fi Yaaqoob moggaatti fuudhee, gaara dheera gubbaa kophaa korsiise. Fuula warraa duratti biftii isaa jijiramtee, wayaan isaa bibillixxee, akka namii danda'ee miicee hinaddeessine, adii caamaa taate. Eliyaasaa fi Museen warratti mullattee, Yesus waliin haasofte. Jennaan Phexros Yesusiin, “Ee'ee Aabboo! Arma jiraachuun keenna akkam dansaa! Kottaaa asiitti bultoo sadii midhaasiinaa, tokko teeti, tokko ta Museeti, taalleen ta Eliyaasiiti” jedhe. Phexrosii fi jarii waahela isaalleen guddoo sodaatee jennaan, Phexros homaa jedhuu wallaalee akkas jedhe. Duumansii dhufee, warratti gaadiseessee, qoonqoon duumanssa sun keessaa baatee, “Kunin ilma kiyya tokkochaa anin jaaladhuu, isa caqasaa” jette. Yoma sun warrii ufi bira mimillannaan Yesus malee nama dhibii dhabe. Adoo warrii gaara irraa gadi bu'uu jiruu Yesus, “Waan argitan kana haga anin ilmii namaa du'a keessaa ka'uutti nama tokkolleetti hinhiminaa” jedhe warratti seere. Warrii dubbii isaa fudhaatee, “Du'a keessaa ka'iisii maan?” jedhee walgaafate. Jennaan warrii isa gaafatee, “Warrii seera beeku maaf qaraa Eliyaasiitti dhufuu male jedha ree?” jedhe. Yesus deebisee, “Ee'ee dhugumaa qaraa Eliyaasiitti akka waan cufaa midhaasu dhufa. Hataatuu malee barreessii keessatti maaf, ‘Ilma namaa tuffatanii guddoo gaargalchuu malan’ jedhan ree? Anin ammoo isanitti himaa, Eliyaas qaraa dhufee, akkuma barreessiin jettuu warrii tokko waanuma fedhee isa tolche” jedhe. Yesusii fi jarii isaa sadii waliin dhufee fulaa jara warraa kaan geennaan, gumii guddoo warra marsitu ammallee jara seera beeku ka taa'ee warraan walmorman arge. Gumiin cuftii isa arginaan guddoo mamtee, isatti oritee nagaa fuute. Jennaan innii, “Maan walmormitan?” jedhee gaafate. Namii tokko gumii keessaa deebiseefii, “Aabboo, anin ilma kiyya, ka jinnii duudaa qabu, tokko sittiin dhufe. Yo isa qabattu cufa lafaan dhoofteetti, hoomachii afaanii yaa'ee, ilkaan qaree goggoga. Anin akka keessaa baasan jara keellee kadhadhee, jarii ammoo keessaa baasuu dadhabe” jedhe. Yesus warraan, “Isan warra dhugeeffachaa diqqoollee hinqamnee; haga yoomii anin isan waliin taa'a? Guyyaa hagam isan obsa? Nattiin koottaa” jedhe. Gurbaa isattiin dhufan. Jinniin Yesus arginaan yoma sun gurbaa haharguftee, gurbaan lafa dha'ee, gangalatee, hoomachii afaanii yaa'e. Yesus abbaa isaatiin, “Haga akkana ta'ee ganna hagam?” jedhe. Innii, “Ijoollummaa isatii jala qabee, marroo hedduu jinniin akka isa ijjeeftuu ibiddaa fi bisaan keessa isa buuftee, yo dandeette, nuu nahii nu qarqaar” jedheen. Yesus isan, “Atin yo dandeette jettee? Nama dhugeeffatu wantii cuftii intaati” jedheen. Yoma sun abbaan gurbaa iyyee, “Dhugeeffachaa inqaba, yo hingeenneellee, na qarqaar” jedheen. Yesus akka gumiin ori'aa dachaatu arginaan, jinniin lolee, “Jinnii duudaa, afaanii gurra hinqamne, isa keessaa ba'i! Deebitee itti hindeebin!” jedheen. Jinniin iyyitee, mucaa harguftee, keessaa baate. Gurbaan akka waan du'ee taanaan, namii hedduun, “Gurbaan yaayyu du'e” jedhe. Yesus ammoo harka isaa qabee, olfuudhee jennaan innii ka'e. Eegee Yesus manaatti galee jennaan jarii isaa kophaatti, “Nu maaf jinnii hamtuu sun baasuu dadhabne” jedhee isa gaafate. Innii itti himee, “Ta akkanaa tana kadhachaa fi agabuu malee dandaanii hinbaasan” jedheen. Achii kanaan Galiilaa keessa yaa'an. Yesus akka namii tokkolleen fulaa innii jiru beeku hinfeene Innii, “Ilma namaa harka namaatti dabarsaan kennanii, namiilleen inijjeesa, innii ammoo du'ee guyyaa sadeessoo inka'a” jedhee jara ufii barsiisuutti jira. Warrii jecha kana hinhubannee, ammoo isaallee gaafachuu sodaate. Eegee Qifirnaahom dhufaan. Mana duunnaan, Yesus “Karaa gubbaatti maan walhaasooftan?” jedhee isaan gaafate. Warrii ammoo waan karaa gubbaatti, “Nu keessaa, eentu irra guddaa?” jedhee walmormeef incallise. Innii gad ta'ee, jara kudhanii lamaanuu yaamee, “Namii nama qaraa ta'uu fedhu nama eegetiif hojjattuu nama cufaa ta'uu male” jedhe. Da'ima diqqaa tokko Yaamee jidduu warraa dhaabee, ufiitti amnatee warraan, “Namii marroo maqaa kiyyaatiif daa'ima akkanaa tokko jabeessuu na jabeessa; namii na jabeessu na hinjabeessu, ammoo ka na ergee jabeessa” jedhe. Yoh. aannis Yesusiin, “Ee'ee Aabboo, nu nama tokko adoo innii maqaa keetiin jinnii baasuu arginee, waani innii nama keenna hintaniif isa dhowwine” jedhe. Yesus ammoo, “Hindhowwinaa, namii maqaa kiyyaan hujji mamaa tolchu, ka eegii sun hameenna kiyya barbaaduu hinjiru. Namii nuun hinmorkinee miila keenna. Dhugumaa waan anin isaanitti himu, namii waan isan nama Kiristoossii taataniif, bisaan isan obaasuu, galata ufii hinuma argata.” Yesus, “Namii ijoollee didiqqoo tana ta na dhugeeffattu gufachiisu, yo silaa dhakaa daakuu morma isatti hidhanii, galaana keessa buusan irra dansaa. Yo harkii kee si wallaalchise ufirraa kutii, gati! Fulaa harka lamaan qabaattee gara qilee ibidda haga jiru hindhaamneetti galtuu, yo naafattee harka tokkoon jireenna barabaraa seente irra sii jirti. Qilee sun keessaa raammoon nama nyaattuu hindootu, ibiddiilleen hindhaamu. Ammallee yo miilii kee si wallaalchisee ufirraa kutii, gati! Fulaa miila lamaan qabaattee qilee ibidda haga jiru hindhaamne keessa si buusan, yo naafattee miila tokkoon jireenna barabaraa seente irraa sii jirti. Qilee sun keessaa raammoon nama nyaattuu hindootu ibiddiilleen hindhaamu. Yo ilti tee si wallaalchifte, ufii keessaa baasii; fulaa ila lamaan qabaattee qilee ibidda haga jiru hindhaamneetti galtuu, yo ila tokko qabaattee Mootuummaa Waaqaa argatte irraa sii jirti. Qilee sun keessaa raammoon nama nyaattuu hindootu ibiddiilleen hindhaamu. Akkuma sooriyoo sooddan qulqulleessanii, nama cufa ibiddaan qulqulleessan. Sooddii dansaa, ammoo yo innii kura dhabe, maaliin deebichaanii kureessitan ree? Soodda ufii keessatti horaadhaa, nagaan waliin taa'a” jedhe. Jennaan Yesus artii ka'ee, lafa Yihudaatiifi galaana Yordaanos gama kaan dhaqe. Gumiin guddoon itti baanaani, innii akkuma amalaa ufii kaan warra barsiise. Warrii Fariisotaa tokko, isa laaluuf gara isaa dhi'aattee, “Akkii namii niitii ufi jalaa baasuu aadaa moo aadaaniti?” jedhee gaafate. Innii ammoo deebiseef, “Museen maan isanitti hime?” jedhe. Warrii, “Muuseen eegii ‘Waraqata ufi jalaa baasiti itti kennani aadaa’ jedhee” jedhan. Yesus ammoo warraan, “Mar. roo jabeenna garaa keessanitiif innii seera kana isaani barreesse. Jalaqaba uumamaatti ammoo, ‘Waaqii dhiiraa fi nadheellee uume marroo waan kanatiif dhiirti haadhaa abbaa ufii lakkiftee, niitii ufiitiin takkaa taati; jarii lachuu nafa tokko ta'a.’ Tanaaf warrii amma nafa tokko malee lamaaniti. Waan Waaqii walitti hidhee, namii gargarii hinbaasini” jedhe. Manatti gallaani, jarii isaa ammallee waan dubbi taani isa gaafate. Innii warraan, “Namii niitii ufii lakkisee ta dhibii fuudhulleen yaa niitii ufiiti cubbame; ammallee niitiilleen yo dhiirsa jalaa baatee, namii dhibii heerumte, isiilleen yaayyu cubbuu tolchite” jedhe. Akka innii harka ufii isaan irra kaa'uuf biyyitii ijoollee isaatiin dhufnaan, jarii isaa ammoo biyya dhowwe. Yesus waan kaani arginaan dallanee warraani, “Ijoolleen haa natti dhuftuuti, hindhowinaa; Mootummaan Waaqaa ta warra akka ijoollee tanaa jiruuti. Dhugumaa, waan ani isaniinti himu, namii akka ijoollee ufi tolchee Mootummaa Waaqaa hinfudhannee diqqoollee hinargatu” jedhe. Innii ijoollee amnatee harka ufii mataa isaani irra kaa'ee isaani eebbise. Adoo Yesus karaa gula deemuu, namichii tokko itti utaalaa dhufee fuula isaa duratti, jilbifatee, “Ee Aabbaa dansaa, akka jireenna barabaraa argadhu waan dansaa, anin maan tolchuu male?” jedhe gaafate. Yesus deebisee isaani, “Ati maaf dansaa naan jetta? Eentu dansaa, Waaqaa tokkocha malee? Ati akka seerii, hinijeesiin; dhiiraafi nadheen walbarate gaarayuu wali hintolfatiin; hinhatin; dhara hindhugeesin; nama hinsobin; haatetii abbeetii saalfadhuu jedhuu inbeetta” jedheen. Innii ammoo deebisee, “Aabboo waan kana cufa ijoollumaa tiyyaa jalaqabee guutee” jedhe. Yesus isa millannaan, isa jaalatee, “Waan tokko si duraa fittattee, beenii, waan qabdu cufa gurgurii, hiyyeeyii qoodii, horii gubbaa argattaa, duuba na gula koottii” jedheen. Namichii kaani dubbii taan dhageennaan waani horii guddaa qabuuf, fuula yakkatee kumuuddaa itti dhaabate. Yesus mirgaa bitaa millatee, jara ufitiini, “Akam jabaatti, akka dureeyyiin Mootummaa Waaqaa argattu!” jarii isaa dubbii taan guddoo maadefate. Yesus ammoo warraan, “Isii ijoollee, argachaani Mootummaa Waaqaa akam jabaatti! Fulaa dureesi Mootummaa Waaqaa argatuu gaala qaa'a limmee seenuti irra laafa” jedhe. Warrii guddoo mamee waliin, “Eentu baafamu danda'a ree?” jedhe. Yesus warra millate, “Dhuguma namaani hintaatu, ammoo wantii namaani hintaane Waaqaani intaati” jedhe. Jennaan Phexros isaan, “Laalii, nu waan cufa lakimnee si gula yaanne” jedhe. Yesus ammoo deebisee, “Dhugumaa, waan ani isaanitti himu, namii marroo tiyaafi marroo oduu dansaatii jedhee, warra ufii, yokaan obbooleeyyani, haadhaa abbaafa, ijoolleefa, oobruufaa, lakisee cuftii, marroo dhibba tokkoo hagasi irra argata. Innii bara kanaa, maneenifa, obbooleeyanfa, haadhafa, ijoolleefa, oobruule, argata gaargala walini, ammallee takkaa tanaa jireenna barabaraa argata. Ammoo namii hedduun ka amma nama qaraa, hegeri nama eegee ta'a; ka amma ammoo nama eegee, hegeri ka qaraa ta'a” jedhe. Yesusii fi jarii isaa gara Yerusaalem dhaquuf karaa gula yaa'anii olqabataan, innii yo suni warra dura deemuu jira. Jarii isaa mamee; namii isa gula yaa'ulleen sodaate. Innii ammallee jara kudhani lamaanuu kophaatti yaamee, waan isatti dhufuu jiraa warratti himee, “Ilaalaa, nu Yerusaalemiti olqabannaa, ilma namaa harka qaallolee gugurdotii fi jara seera beekuti kennani. Warrii du'a itti muree harka gosa dhibiti kenna. Duuba isa gooyyeesanii, hancufa itti tufanii, lichoon dhaananii, ijjeesani, innii ammoo guyyaa sadiin duuba du'aa inka'a” jedhe. Jennaan Yaaqobii fi Yoh. aannis, ilmaan Zabdiyos isatti dhihataani, “Abboo waan tokko nu tolchi” jedhaniin. Jennaan inni warraani, “Akka ani maan isanii tolchu fetaan?” jedheen. Warri isaan, “Nu lachuu mirgaa bitaa kankee finna kankee keessa tatahu feena” jedhe. Yesus, “Waan kadhaattanillee hin beettan. Isan buduunu aninii dhuguun dandeettani indhuddani? Yokaan battisoo aniin battifamu battifamu indaandettani?” warraan jedheen. Warri, “Indaandenna” jedhani. Yesus, “Buduunuu ani dhuguun dandettani hin dhuddanini battisoo anini battifamee hin battifamtani ammoo akki mogaa tiyya ta mirgaatii fi ta bitaatiin tata'ani tiyyaaniti, ta warra qaraa midhaasaniif” isaaniin jedhe. Jarii kudhannani kaan akkasi dhageennaan, Yaaqoobii fi Yoh. aannisitti dallane. Yesus jara walti yaamee, “Isan hinbeettani, akka namii silaa gosa dhibii moohatu warra dabsu, ammallee akka jarii gugurdaani jabeenna ufii warraa agarsiisu. Taatuulle isan akkasiniti, ammoo ka isan keessaa guddaa ta'uu fedhuu, hojjataa keessan ta'uu male. Ammallee ka isan keessaa nama qaraa ta'uu fedhuu hojjataa nama cufaa ta'uu male. Wantii akanaatiif ilmi namaalleen akka hojjataniif hindhumnee, ammoo akka namaa hojjatee, lubbuu ufii marroo nama hedduutiif baasuuf dhufe male” jedhe. Yesusii fi jarii isaa gumii guddoo waliin dira Yerikoo dhufan. Yo Yerikoo ba'aan, in yaana jedhaanii namicha ballaa tokkootti, ka Barxiimewosii ilma Ximeewosii jedhaniin, dhaattuu karaa taa'ee kadhachuuti jira. Innii, Yesus akka innii nama biyya Naazireeti dhagenaani iyyee, “Yesus! Ilma Daawitii, naa naa'ii” jedhe. Namii hedduun isa dubbachuu dhowee, “callisi” jedheen. Innii ammoo hagasille irra iyyee, “Ilma Daawitii, naa na'ii” jedheen. Yesus miila dhaabatee, “Gadi yaamaa” jedhe. Warrii namicha ballaa kaan yaamee, “Garaa jabaadhuu, ka'ii, innii si yaamuu jiraa” jedhaniin. Innii wayaa ufii lafa buusee, olce'ee ka'ee, gara Yesus dhufe. Yesus isaani, “Anaa maan sii tolchu feeta?” jedheen. Ballaani kaan deebisee, “Aabboo, ani lafa arguu fedha” jedhe. Jennaan Yesus isaani, “Beeni, dhugeeffachaan tee laa si fayyiftee” jedhe. Innii hojjuma sun lafa argee, faana Yesusii karaa gula deeme. Warrii Yerusaalemitti galuuf, Betfaagee fi Bitaanyatti, fulaa Gaara Ejersaa jedhaniitti dhi'aannaan, Yesus jara ufii keessaa nama lama ergee, “Ollaa isan dura jiru olduudaa, duuba yo olduuddanii, bukura harree, ka hidhaansaatti jiru, ka takka illenjisin agartan, hiikaa koottaan. Yo namii, ‘Maaf hiittan?’ isaniin jedhee, ‘Aabbootti fedha, ammallee innii indeebisa’ jedhaan” jedhe. Warrii ka'ee yaa'ee, bukura harree, ka hidhaansaatti jiru argee, jennaan hiike. Namii achi ejaajju, “Bukura maaf hiittan, maan tolchittan?” Jedhee gaafate. Warrii ammoo waan Yesus jedhe, isaanitti himnaan jarii warra gad lakkise. Jennaan warrii bukura harree kaan Yesusittiin dhufee, wayaa ufii raroo tolchanii Yesus yaabbate. Namii hedduun wayaa ufii karaa keessa afee, ka garii ammoo dameelee mukaa ciree, karaa keessa afe. Warrii isa dura yaa'uu fi ka isa duuba yaa'uulleen, “Waaqaa faarsaa! Namii maqaa Aabbootiin dhufu la eebbifame! Waaqii Mootummaa Aabboo keenna Daawitii, ka dhufuu jiru eebbifamaa! Waaqaa guddaa gubbaa faarsaa!” jedhan. Yesus Yerusaalem seenee Mana Waaqaa dhaqe. Waan cufa mimillatee, marroo aduun dhiiteef, jara ufii kudhanii lamaan waliin Bitaanya dhaqe. Boriyyaa, warrii Bitaanyaan baanaan, Yesus beela'e. Jennaan muka odaa ka baala qabu tokko, fagootti argee, midhaan irraa argadhaa badaa? Jedhee laalu dhaqe. Achi geennaan, waan yo'ii odaan bilchaatu hinga'iniif, baala malee homaa irraa dhabe. Innii yoosuma odaa kaaniin, “Itti deebi'ee namii tokkolleen midhaan sirraa hin nyaatinii been!” jedhe. Jennaan jarii isaa akka innii waan kaan jedhee dhagaye. Yerusaalem ga'anii jennaan Mana Waaqaa seenee, gumii Mana Waaqaa keessatti wa gurgurattuu fi ta bitattuullee achii hadhee, xarapheessaa nama beesee jijiraatuutii fi barcumaa nama sabaliisa gurguruullee garagagalche. Namii tokkolleen mi'a baatee akka Mana Waaqaattii hinbaanee dabruu dhowwe. Duuba warra barsiisee, “ ‘Manii kiyya gosa cufaa mana eebbaa jedhamee yaamama’ jecha jedhu hinbarreessiinee? Isan ammoo goda hattuu tolchitan” jedheen. Qaallolee gugurdoo fi jarii seera beeku waan kaan dhageennaan karaa isaan ijjeesan malatan. Ammoo marroo barsiisaan isaa garaa gumii cufaa tuxxee gumiin barsiisa isaa maadefatteef isa sodaatan Laftii galgaloomnaan, Yesusii fi jarii isaa dira keessaa ba'e. Ganamaa adoo karaa suniin dabranuu, odaa hidduma waliin goge argan. Phexros yoosuma waan ta'e qaabatee, “Aabboo, laali, odaan atin abaarte kaan ya gogogee” jedhe. Yesus deebisee warraan, “Waaqaa dhugeeffadhaa. Dhugumaa, waan anin isaniin jedhuu, namii adoo hinmamin gaara kanaan, ‘Armaa buqqa'ii, galaana keessa bu'i’ jedhee, yo wantii innii jedhe akka taatuuf dhugeefatee, wantii sun inguutamtiif. Tanaaf waan anin isanitti himuu; waan Waaqaa kadhattan cufa akka argattan dhugeeffadhaa, duuba inuma argattanii. Ammallee, yo Waaqaa kadhattani dhaabattan cufa, yo namii isan dabse jiraatee, namaa araarama, akka Abbaan keesan ka gubbaalleen wallaala keessan isanii araaramu. Yo isan namaa araaramu diddanii, Abbaan keessan ka gubbaa jiruulleen wallaala keessan isanii araaramuu didaa” jedhe. Warrii ammallee Yerusaalem dhaqee, adoo Yesus Mana Waaqaa keessa dedeemuu qaallolee gugurddoo, jara seera beekuu fi jaaroleen dhibiilleen isatti dhuftee; Yesusiin, “Jabeenna kamiin waan kana cufa tolchita? Yokaan, eentu jabeenna kana sii kenne, akka waan kana cufa tolchitu?” jedhaniin. Yesus ammoo deebisee, “Anilleen waan tokko isan gaafadhaa; natti himaa, duuba anilleen jabeenna waan kana cufa toolchuun isanitti himaa. Cuuphaan Yoh. aannisii Waaqaa irraa dhufte moo nama irraa dhufte? Natti himaa” jedheen. Warrii walmormee waliin, “Waaqaa irraa dhufte yo jennee, ‘Yoos isan maaf isa hindhugeefatinaa ree?’ nuun jedhaa, akkamiin, ‘Nama irraa dhufte’ jenna ree?” jedhan. Waan gumiin cufa Yoh. aannis raaga jettee fudhatteef sodaatan. Tanaaf, “Nu hinbeennu” jedhanii Yesussii deebisan. Jennaan Yesusiilleen, “Yoos, anilleen jabeenna waan kanaan tolchu isanitti hinhimu” jedheen. Jennaan Yesus mammaassan isanitti himee, “Namii tokko oobruu weyinii facaasee, dallaan marsee jaaree, boolla weynii keessatti cacarasaan qotee, siree irra taa'anii eegan itti jaaree, akka yo midhaan muraan warra waliin qoodatu harka jara oobruu hojjatuutti lakkisee, lafa dhibii dhaqe. Muraansii geennaan, hojjataa tokko jara oobruu hojjatuutti erge. Warrii kaan isa qabee dhaanee, harka duwwaa gusse. Ammallee abbaan hojjataa dhibii warratti erge. Isallee mataa dhodhoosanii ceersan. Ammallee ka dhibii itti ergee, isallee ijjeesan. Ammallee nama hedduu dhibiillee itti erginaan, ka garii dhaanan, ka garii ijjeesan. Innii ammallee nama dhibii qaba, sun ilma isaa tokkocha innii jaalatuu. Inni, ‘Eegee warrii ilma kiyya insodaata’ jedhee, isa erge. Jarii oobruu weynii hojjatu kaan ammoo, ‘Kunin ka abbaa oobruu weynii dhaaluu, koottaa inijeemnaa, duuba dhaaltii teenna taatii’ waliin jedhan. Warrii isa qabee ijjeesee, reeffa isaa oobruu weynii keessaa baasee alaatti darbate. Abbaan oobruu maan tolcha yoos? Innii dhufee, jara oobruu hojjatu balleessee, oobruu ammoo harka nama dhibiitti kennata. Barreessii tana dubbii Waaqaa keessatti takkuma hindubbimnee? dhakachii ijaartuun tuffattee didde yaayyu dhakaa cufa irra jabaa ta'e. Tunilleen hujii Aabbooti ila teenna duratti wantii kun waan mamaati” jedhe. Akka innii dubbii tana warraa jedhee, mammaakee beennaan, jarii Yihudii gugurddaan Yesus qabuu fedhee; ammoo gumii sodaatee, lakkisee biraa yaa'e. Waan innii dubbatu afaan fuudhaanii qabuuf jedhanii, Fariisotaa fi jara Herodisillee keessaa nama garii isatti ergan. Warrii dhufee isaan, “Aabboo, akka atin nama dhugaa nu inbeenna, guddinna namaallee hin yaaltuu; fuula namaallee hinilaaltuu, ammoo karaa Waaqaa akkuma dhugaa nama barsiifta, akkii Qeesarii qaraxa baasan aadaa moo aadaaniti? Inbaamna moo hinbaamnu?” jedhanii gaafatan. Innii ammoo kijiba warraa beennaan, warraan, “Maaf na laallattan? Me, qarsii tokko na garsiisaa” jedhe. Tokkoon dhufanii jennaan innii, “Mat. aa eenuutti gubbaa taa'a?” jedhe warra gaafate. Jennaan warrii, “Mat. aa Qeesarii” jedhe. Yesusiilleen, “Yoos waan Qeesarii, Qeesarii baasaa, waan Waaqaa ammoo, Waaqaa baasaa” isaaniin jedhe. Warrii guddoo waan isaa mame. Saduqoonnii garii ta, “Du'aa ka'iisii hinjiru” jettu, Yesusiitti dhuftee, “Aabboo, ‘Namii tokko niittii fuudhee adoo ilmee hinuumatin yo irraa du'ee, obbooleessii isaa niitii sun dhaalee obbooleessa ufiitii ilmee uumuu male!’ jedhee, Muuseen seera keessatti la nuu barreesse. Duuba, obbooleeyyan torbatti jira; ka qaraa niitii fuudhee, ilmee malee du'e. Ka lameessoolleen fuudhee, adoo ilmee hinuumatin irraa du'e. Ka sadeessoolleen fuudhee akkasuma ilmee malee du'e. Jarii torbaanuu isii fuunaan ilmee hinarganne; eegee niitiilleen doote. Jarii torbaanuu isii la fuudhee, duuba gaafa du'aa ka'iisaa isiin niitii eennuu taati?” jedhan gaafatan. Yesus deebisee warraan, “Isan guddoo walaaltan! Wantii akkanaatiif isan dubbii Waaqaatii fi humna Waaqaallee hinbeettan. Gaafa du'a keessaa ka'an, akka ergamtoota Waaqaa ta gubbaa ta'an malee, wali hin fuudhan. Ammoo akka warra du'e kaasan kitaaba Musee keessaa, fulaa waan gurbii bobeettuu berreessan keessattii takkuma hindubbimnee? Akka Waaqii ‘Anin Waaqaa Abrahaam, Waaqaa Yisihaqitii fi Waaqaa Yaaqoobii’ jedhe. Innii Waaqaa warra du'eetiiniti, Waaqaa warra jiruu malee; isan guddoo walaaltan” isaaniin jedhe. Jara Seera beeku keessaa, namii tokko warra waldide dhageennaan, ammallee akka Yesus akka dansaa warraa deebisee beennaan, isa gaafachuuf gara isaa dhufee, “Seera kamiitti seera cufa irra jabaa?” jedhe. Yesus deebiseefii, “Seerii seera cufa irra jabaa kanaa, Me Israa'el, dhagayi! Aabboo Waaqii keenna Abbaa tokkocha. Aabboo Waaqaa kee garaa kee cufaan, lubbuu tee cufaan, qalbii tee cufaan, jabeenna kee cufaan jaaladhu. Lammeessoon ammoo, ‘Ollaa kee akka ufi jaalattu jaaladhu!’ ka jedhu. Seerii kana lamaan irra jabaa hinjiru” jedhe. Namii Seera beeku kaan ammoo Yesusiin, “Dhuguma baanta, Aabboo, ‘Atin ka Waaqaa tokko malee ka dhibiin hinjiru’ jettee, waan dhugaa dubbatte. Ammallee akkii isa garaa cufaan, qalbii cufaan, jabeenna cufaan jaalatan, ammallee akkii nama cufa akkuma mataa ufi jaalatan, sooriyoo gosa cufaa irra wa baati” jedhe. Yesus akka innii qalbiin deebise arginaan, “Atin Mootummaa Waaqaa irraa fagoo hinjirtu” jedheen. Eegii sun, namii cuftii isa gaafachuu sodaate. Adoo Mana Waaqaa keessatti nama barsiisuu, Yesus, “Jarii Seera beeku akkam, ‘Kiristoon ilma Daawitii’ jechuu danda'e? Daawit ufiiftuu, Hafuura Qulqulloo keessa, ‘Aabboon Abbaa kiyyaan, haga anin nyaapha kee miila kee jala naquutti, gama kiyya ka mirgaatiin taa'i’ la jedhee. Daawit eegii ufiiftuu ‘Aabboo’ jedhee isa yaamee; Yesus akkamiin ilma isaa ta'e ree?” jedhe. Gumiin yo sun guddoo gammachuun isa dhageette. Adoo warra barsiisuu, Yesus, “Jara Seera beeku, ka wayaa dhedheertuu naqatee lafaan haraa yaa'u, ka fulaa gabayaatti akka namii gad jedheef nagaa isaan fuudhu jaalatu, ammallee ka, mana waldeennaa keesaatti fuula dura fulaa ulfinnaa tataa'uu jaalatu, ka jila keessatti fulaa dansaa tataa'u fedhu kana eegadhaa! Warrii warra horii haadha hiyyeessaa irraa hobbaassee, nama sobuuf, kadhachaa ufii dheeressu. Wallaala takka hinargin warratti muran” jedhe. Yesus fulaa horii Waaqaa baasan keessa buusan taa'ee, gumii horii baaftu laale. Dureeyyiin hedduun horii guddaa keessaa buufte. Niitiin hiyyeetiin dhiirsa hinqamne takka dhuftee, duruuruu lama ta beessee tokko taatu, keessa buufte. Innii jara ufii yaamee, “Dhuguma, isaniitti himaa, Niitiin hiyyeetiin tun nama cufa irra horii baafte. Wantii akkanaatiif warrii cuftii horii ufii guddaa keessaa waan irraa hafe baase; isiin ammoo, hiyyuma ufii keessaa, horii waan qabdu cufa baafte” jedhe. Adoo Yesus Mana Waaqaa keessaa ba'uu, jiruu jara isaa keessaa namii tokkoo, “Aabboo, dhakaayyee dadansaa manaan jaaran tana daawadhu!” jedhe. Yesus deebisee isaan, “Manneen gugurdoo tana agartaa? Dhakaan tokkolleen wal irratti hinhafu; cufa gargarii jissanii” jedheen. Adoo Yesus Gaara Ejersaa gubbaa Mana Waaqaatti garagalee taa'uu, jiruu, Phexros, Yoh. aannisii, Yaaqobii fi Indriiyaas kophaatti isa gaafatan. “Gaafa wantii kunin taatu nutti hima; ammallee, yo wantii kunin cuftii dhi'aatte akeeka akkamitti dhufa?” jedhaniin. Yesus deebisee warraan, “Akka namii tokkolleen isan hinsomne eegadhaa! Namii hedduun maqaa kiyyaan dhufee, ‘Anin Kiristoos’ jedhee nama hedduu soba. Ammoo lolaa fi oduu lolaallee yo dhageettan hinrifatinaa. Wantii kun qaraa dhufuu maltee, ammoo ammallee guyyaan muummee hingeenne. Gochii kaatee gossaan walhaati, laftii lafaan walhaati; laftii fulaa hedduun in chochooti, beeltiilleen indhufti, wantii kun ammoo gaargala qaraati.” “Ammoo isan ufi eegadhaa, wantii akkanaatiif namii isan qaqabee koraatti isan geessa, mana waldeennaa keessaalleetti marroo tiyyaaf isan dhaanan; akka warra duratti dhugeesitan hayyuu fi jaallaba dura ejaajjitan. Qaraa fiixee oduu Dansaa gosa cufaatti odeessuu malan. Ammallee yo guuraanii qorsumaa isan geessan cufaa, waan jettan duratti hin yaadinaa! Waanuma yo sun isanitti kennaan dubbadhaa malee; wantii akkanaatiif ka dubbatu isaniinti, Hafuura Qulqulloo malee. Yo sun obboolessii obbooleessa ufii dabarissee ijeechaa kenna, abbaan ilma ufii dabarsee kenna, ijoolleelleen warra ufii irratti kaateetti ijjeesisifti. Namii cuftii marroo tiyyaaf isan jibba, namii ammoo haga muummee obsee taa'uu inbaha” isaaniin jedhe. Yesus, “Ammoo yo waan jibban ta nama rifachiisaa, ta fulaa taa'uu himmalin teettu argitanii, namii dubbisu ha hubatuu! Warrii Yihudaa keessa jiru ha gaareenitti baqatuu! Namii mana gubbaa jiru gad bu'ee, mana seenee homaa mana keessaa hinfudhatin. Namii oobruu keessa jiruulleen, wayaa fudhachuuf hingalin. Guyyaa sun ammoo nadheen garaacha qabduu fi ta hoosiftu akkamii gaargala! Ammoo akka wantii kun yo gannaa hintaanee kadhadhaa. Wantii akkanaatiif guyyaa sun gaargala haga Waaqii lafa uumee haga arrdhallee namii takka hinargin dhufa. Wantii akkasi itti deebitee lafa hindhuftu. Yo silaa Aabboon guyyaa sun gabaabsuu dhibaatee, namii tokkolleen hinbahu; amma ammoo marroo nama foohatee suni jedhee innii ya guyyaa gabaabse. Duuba, yo namii tokkolleen, ‘Laalaa, Kiristoos arma jiraa!’ yokaan ‘Laala, innii achi jiraa!’ jedhee, hindhugeeffatinaa. Kiristoos dharaatii fi raagootii dharaa ka'aniitti, yo danda'an warra Waaqii foohateellee sobanii akeekaa fi mamiisa dharaa agarsiisan. Ammoo isan eegadhaa! anin waan cufa duraattuu yaayyu isanitti himee” jedhe. Yesus ammllee dubbatee, “Bara sun eegii gaargala sunii, aduun indukkanoofti, ji'iilleen itti deebi'ee hin ibsu. Urjiin cuftii Waaqaa irraa gad harcaati, jabeennii Waaqaa gubbaa cufa inraafama. Duuba ilmii namaa jabeennaa fi ulfinna guddaan duummansa keessaa adoo dhufuu inargan. Innii ammoo ergamtoota Waaqaa irraa ergee, Warra Waaqaa foohame gama cufaa, haga muummee Waaqaa lafatii asi cufa walti guura” jedhe. Yesus amma ammoo “Mammaassa tokko odaa irraa baradhaa! Yo dameen isaa lattee baala baaftee, akka caamsaan dhi'aatee inbeettan. Akkasuma isaniilleen ammoo, yo waan kana cufa ka ta'uu argitan, akka guyyaan dhi'aatee diqumaa balbala hinga'in beekaa! Dhuguma, isaniitti himaa, haga wantii kun cuftii guutamtuutti dhalootii kun hindabru. Lafaa fi gubbaalleen indabartii, dubbiin tiyya ammoo haguma jirtu hindabartu” jedhe. Yesus ammallee “Guyyaa fi yo sun ammoo Abbaa kiyya tokkocha malee, namii tokkolleen hinbeeku, ergamtootii gubbaalleen yokaan ilmiilleen. Isan guyyaa sun hinbeettan, tanaaf eegadhaa! hinrafinaa! Wantii kunin akka nama warra ufii dhiisee, himaltuu deemuu ka'ee jirti. Innii warra ufii lakkisee jabeenna hojjatootaa kennee, tamu tokko tokkoon hujii kenneefii, nama balbala eeguulleen, ‘Hindagatinii rafii dammaqi balbala akka dansaa jabeessii eegi’ jedhee ajaje. Tanaaf akka dansaa dammaqaa eegaa! Wantii akkanaatiif Abbaan manaa yoom akka dhufu, isuma galgala dhufu, isuma halkan guddoo dhufu, isuma baraaqa dheeraa dhufu, isuma gara afaan barii gulaatti dhufu hinbeettan. Adoo isan quba hinqabnee dhufee, adoo isan rafuutti jiritanuu akka isan hinarginne. Anin homa isaniilleen jedhu nama cufaanuu jedhaa, eegaadhaa!” isaaniin jedhe. Jila dabarsaatiif jila qixxaa bukoo ulfeesuuf guyyaan lama callaan ka hafee, qaallolee gugurddoo fi jarii seera beeku karaa Yesus malaan qabaani dhossaan ijjeessaniin mari'atani. Warrii wali mari'atee, “Jila keessatti isa hinqamnu, akka biyyitii garagaltee lafa hingoonye” jedhe. Bitaaniyaatti adoo Yesus mana namicha Simoon jedhanii ka qomaaxaa qabuu tokko keessa ta'ee sagalee nyaatuu, niitiin tokko dhadhaa qayyaa urgaa gatii guddoo tokko, duloo dooqaatti qabattee dhuftee, duloo taan cabsitee, dhadhaa kaan mataa Yesusiiti naxxe. Namii garii ammoo dallanee waliin, “Dhadhaa kana maaf akkana balleessan? Dhadhaa qayyaa kana silaa qarsii dhibba ja'a irra jirtuutti gurguranii, hiyyeeyii qooduu hin danda'anii” jedhanii isiin dheekkaman. Yesus ammoo, “Isii irraa callisaa, maan irraa qabdani? Isiin waan dansaa naa tolchitte. Warrii hiyyeeyiin guyyaa cufa isan waliin jira, yoma feetan waan dansaa tolchuuf hin dandeetan anin ammoo guyyaa cufa isan waliin hinjiru. Isiin waan dandeetu naa tolchite, nafa kiyya dhadhaa dibdee, awwaalaa kurfeesitte. Dhuguma, waan anin isanitti himuu, fulaa oduu dansaa itti odeessan cufaatti waan isiin tolchitteellee hinhiman, akka isii qaabattan” jedhe. Jennaan Yihudaan namii biyya Keriyot, ka jara kudhanii lamaan kaan keessa jiru, Yesus dabarsee harka warratti kennuuf gara qaallolee gugurddoo dhaqe. Waan kaan dhageennaan, warrii guddoo gammadee, horii isaa kenniitii buufate; jennaan Yihudaan harka warratti dabarsee isa kennuuf qoommii barbaade. Guyyaan qaraa ka jila Qixxaa Bukoo hinqamnee geennaan, eegii ilme hoolaa ta Dabarsaa qalan, jarii isaa, “Hoolaa Dabarsaa akka nyaanuu, atin nuu eessa dhandhee Dabarsaa midhaasinu feeta?” jedhan Yesus gaafatan. Jennaan innii jara isaa keessaa lama ergee, “Diratti duudaa! Nama dhiiraa ka buttee bisaanii baatu tokko argitanii; isa gula yaa'aa! Manuma innii seenu olduudaa, abbaa manaatiin, ‘Aabboonii mani keessumaa ka ani jara kiyya waliin Dabarsaa keessatti nyaadhu meetii? siin jedha’ jedhaan. Namichii sun mana mana guddaa gubbaa keessaa irraa balla'aa, ka mi'a qabu ka qaraa kurfeesan isan garsiisa. Artiitti nuu midhaasaa!” jedheen. Jarii isaa sun lamaan ka'ee gara diraa dhaqee, akkuma innii jedheen waan kaan agartee, achitti sagalee Dabarsaa midhaasse. Laftii galgaloomnaan, innii jara ufii kudhanii lamaanuu waliin dhufe. Adoo warrii tata'ee sagalee nyaatuu, Yesus, “Dhuguma, isaniin jedhaa, isan keessaa, nama na waliin ta'ee sagalee nyaachuu jiru tokkotti, dabarsee harka nyaapha kiyyaatti na kenna” jedhe. Warrii guddoo laalefatee, tokko tokkooni, “Na wa taatee dura?” jedhee gaafachu jala qabee. Yesus ammoo warraan, “Jara kudhani lamaan na waliin qixxaa qorii keessaa tuqate nyaatu kana keessaa tokko isa. Ilmii namaalleen akkuma qaraa duraani waan isaa berreessani du'uuf indeema; ammoo namicha harka ufiitiin dabarsee ilma nama harka nyaaphaatti kennu sunii gaargala! innii adoo durii hindhalannee dhaloota oolee irra jira” isaaniin jedhe. Adoo warrii sagalee nyaachuutti jiruu, Yesus qixxaa fuudhee, eebbisee, cacabsee warratti kennee, “Hoodhaa, kunini nafa kiyyaa” jedhe. Innii muduunuu fuudhee, Waaqaa galata galchee, warratti kennee, warrii cuftii muduunuu keessaa dhuge. Innii warraani, “Kunin dhiiga kiyya, ka kakuu waldhaqisaa, ka nama hedduu jige. Dhuguman isaniitti himaa, ani haga Mootummaa Waaqaa keessatti haareessa dhuguuttii deebi'ee daadhi weynii tana hindhugu” isaaniin jedhe. Eegee Faaruu galataa faarsaani, gara Gaara Ejersa jedhan ol qabatan. Yesus warraani, “Isaniini cuftii na dhiichanii baqattan. Wantii akkanaatiif barreessiin durii, ‘Anin tissituu ijeessee, hooliyyeen garagarii bittinoftii’ jette. Ammoo eegi du'aa na kaasani, ani isan duratti Galiila dhaqa” jedhe. Phexros isanii, “Adoo namii cuftii si dhiisee baqateellee ani si dhiisee hin baqadhu!” jedhe. Yesus ammoo isaani, “Dhuguma, siin jedha, halkanuma kana, adoo kormii lukkuu marroo lama hiniyyinee, ati marroo sadii na mormatta” jedheen. Innii ammoo afaanuma guutatee, “Si waliin yo du'uu maleellee ani si mormadhu” jedhe. Warrii cufumaanu akkasuma jedhe. Fulaa tokko ta Getesemaane jedhani dhufani; Yesus jara ufitiin, “Haga ani Waaqaa kadhadhu arma tata'aa” jedhe. Jennaan Phexrosi, Yaaqoobii, Yoh. aannis ufi gula yaamee, guddoo rifatee yaada keessa seene. Warraani, “Lubbuun tiyya du'aa asi guddoo ooddii, diqquma na keessaa hinbaane; isan arma tata'aa, jabadhaa eegaa!” jedhe. Diqqoo biraa deemee, addaan lafaatti jigee, akka yo taate hojjaani tuni isa bira dabartuu Waaqaa kadhatee, “Ee Aabboo, atin waan cufa indandeeta, muduunuu gaargalaa tana narraa fuudhi! Ammoo fedhii tiyyaanitii fedhii teetiin haa taatuu” jedhe. Jennaan deebi'ee, warra rafu argee, Phexrosin, “Simoon! ati inraftaa? Sa'aatii tokkoollee dammaxee na eeguu hindandeennee? Hinrafinaa, akka ilaalachaa keessa hinseennee kadhadhaa! Hafuuri dhugumaa infedhaa, foon ammoo dadhaboo” jedhe. Innii ammallee deemee kadhuma, qaraa taan kadhate. Ammallee deebinaani, warra ufumaa rafu arge; ilti warraa guddoo mugatiin ulfaattee, warrii waan isaa deebisuu wallale. Mar. roo sadeesoo deebi'ee warraan, “Isan ammallee raftanii foorfachuutti jirtani? Amma in ga'a! hojjaani yaa geette, ilmi namaa harka cubbamantootaatti kennamuuf. Ka'aa nu yaasaa! ilaalaa, namii harka nyaapha kiyyaatti dabarsee na kennu dhaattuu tana jira” jedhe. Adoo Yesus dubbachuu jiruu, Yihudaan, ka jara isaa kudhani lamaan keessaa tokko, dhufee warra bira ga'e. Ammallee isa waliin qaallollee gugurdoo, jara seera beekuufi maanguddooti ergaan dhibiin ta billaafi bokkuun yaatu isatti dhufte. Namichii harka nyaapha isatti dabarsee Yesus kennu kaan gumiin, “Namii ani dhungadhu isa, qabaa, armaa fuudhaa, eeggachaa deemaan” jedhe fakkeenna kenne. Yihudaan dhumnaani, akkuma achi ga'eenii gara Yesus dhaqee, “Aabboo kiyya” jedhe dhungate. Jennaan jarii yoosuma qabee Yesus hidhe. Warra dhaattu ejaajju keessaa namichii tokko goraade ufii qalqala keessaa luqqifatee, garbicha qaallicha guddaa dha'e, gurra tokko irraa kute. Yesus ammoo warraan, “Akka warra algala qabuu ba'ee, na qabuuf goraadeefi bokkuun gara kiyya yaatanii? Anin guyyaa hedduu Mana Waaqaa keessatti nama barsiisaa isan waliin ture, ammoo isan na hinqamne. Wantii kuni ammoo akka waani barreessiin qulqulloon jette guutamtuuf taati” jedhe. Jennaan jarii isaa cuftii isa lakkisee baqate. Dargaggeessi tokko, ka wayaa akka gaabii jirtuu ta quncee irraa hojataan tokko calla uyyifate, isa gula deeme. Ammoo warrii isa qabnaani, innii wayaa sun keessaa ba'ee, qullaa baqate. Jennaan gara qaallicha guddaa Yesus geessanii; qaalloleen gugurddoon cuftii, maanguddootaa fi jarii seera beekuulleen achiitti walwalda'ani. Phexros haga cichaa qaallicha guddaa hinga'in Yesus irraa fagaatee duuba deemee, achiitti eeddota waliin taa'ee ibidda qanqaamate. Qaallolee gugurdoo fi jaarolleen cuftii, Yesusiitti ijeechaa muruuf nama isa himatuu barbaadan, ammoo tokkoollee hingare. Namii hedduun waan dharaatiin isa himate; ammoo dubbiin warra walii hingale. Jennaan namii garii ol ejaajee waan dharaatiin isa himatee, “Nu isa, ‘Anin Mana Waaqaa ka namii jaare kana, cabsee, guyyaa sadiitti ka dhibi ka namii hin jaariin jaara’ jedhuu laa dhageenne” jedhan. Ammoo taatuullee, dubbiin warraa walii hingale. Qaallichi guddaan fuula warraa dura ejjee, Yesusiin, “Atiin homaa hindeebiftuu? warrii kuni maaf si himata?” jedhee gaafate. Yesus ammoo dubbachuu didee calise. Qaallichi guddaan amma ammoo, “Atiin Kiristoos ilma Waaqaa ka ulfeesan moo?” jedhee gaafate. Yesus deebiseefii, “Ee'ee, ana; ammalle ilma namaa ka irree qabu ka harka Waaqaa mirgaan taa'uu, ka duumansa gubbaa keessaan dhufu argitani!” jedhe. Qaallichi guddaan aaree wayaa ufii tarsaasee, “Dhugaa dhibii maan irraa barbaana? Akka innii Waaqaa arrabsee isanuu yaa dhageettani! Maan isantti fakkaati?” jedhe. Jennaan warrii cuftii ijeecha itti mure. Namii garii hancufa itti tufee, ila hidhanii, dhabanaasanii, “Fagii!” jedhaniin. Warrii eeduulleen tanttoomoon isa dhaante. Adoo Phexros cichaa taa'uu, hojjattuun qaallicha guddaa tokko dhufte. Isiin adoo Phexros ibidda qanqaammatuu argitee hubattee, isa ilaaltee, “Atilleen Yesus Naazireetii waliin jirtaayuu?” jette. Innii ammoo mormatee, “Hiyyoo, ani waan atin dubbattu kana hinbeeku, nallee hingaltu” jedhee, kaa'ee fuloon ba'ee. Yoosuma kormii lukkuu iyye. Ammallee hojjattuunn taan isa argittee, warra achi ejaajjuun, “Namichii Kunin isaan keessaa tokko” jette. Phexros ammoo ammallee mormate. Diqqoo tokko teennaani, warrii achi ejaajjuu Phexrosin, “Lakki abboo, dandeetee hinmormattuu, warrii keessan Galiilaa, atin dhuguma nama isati” jedhaniin. Jennaan Phexros ufii abaaree, kakatee, “Anin nama isani baantani kana hinbeeku” jedhe. Yooma sun kormii lukkuu marroo lameesoo iyye; Phexros dubbii Yesus “Adoo kormi lukkuu marroo lama hiniyyinee, ati marroo sadii na mormatta” jedheen taan qaabatee, guddoo laalefatee boo'e. Laftii bariinaani, qaallolee gugurdoo, jaarrolee, jara seera beekuufi jaarroleen cuftii koraa dhuftee waan isaa mari'atan, Yesus hidhanii, geessanii harka Philaaxosiiti kennani. Philaaxos, “Atiin hayyuu Yihuudiiti?” jedhee isa gaafate. Innii deebiseef, “Atuu yaa jette” jedhe. Qaalloleen gugurdoon waan hedduuni isa himatte. Philaaxos ammallee, “Kunoo waan hedduun si himatanii ati homaa hin deebiftu ree?” jedhee gaafate. Yesus ammoo ammallee homaa hindeebimne; tanaaf philaaxos guddoo mame. Philaaxos akka aadaa warratti waggaa cufaa guyyaa jila dabarsaa warra hidhaman keessaa nama gumiin “Nuu hikki” jette tokko hikkaa. Bara sun warra goolii guuree nama ijeesee hidhame sun keessaa namicha tokkootti ka Barabbaa jedhan jira. Gumiin philaaxosiitti dhuftee, akka innii waan aadaa ta duruu tolchaa dhufe warraa tolchuu kadhatte. Innii ammoo deebisee, “Akka anin hayyuu Yihudii isanii hiiku feetani?” jedhee warra gaafate. Innii akka qaalloleen gugurdoon dhiibiif Yesus harka isatti kennite inbeeka. Qaalloleen gugurdoon ammoo, akka gumiin fullaa isaa Barabbaa nuu hiiki jettuu gorsite. Philaaxos ammallee warraan, “Nama hayyuu Yihudii jettaniin kana maan tolcha ree?” jedhee isaani gaafate. Warriilleen, “Isa fannisii” jedhee iyye. Philaaxos ammoo, “Maaf akana jettani? innii hameenna maan tolchee?” isaaniin jedhe; warrii ammoo, “Isa fannisii” jedhee haga qaraallee irra guddisee iyye, Tanaaf Philaaxos, marroo gumii gammachiisuu fedheef, Barabbaa hiikee, Yesus lichoon dhaanee, “Fudhadhaa, fannisaa” jedhe dabarsee warratti kenne. Warrii waraanaa mana hayyuu keessa isa seensisee, duuba warra waraanaa ka achi keessaa cufa walti yaame. Wayaa diimtuu itti uyyisanii, qoraattii akka surree tolchaanii, mataa isaa irra kaa'ani. Duuba, “Ee, hayyuu Yihudii, lubbuun tee haa dheeraattuu” jedhan nagaa fuudhan. Jennaan uleen mataa isaa keessa dhaananii, hancufa itti tufanii, duratti jilbifatanii, akka waan isa ulfeesaani. Eegii gooyyeessaniin duuba, wayaa diimtuu irraa baasanii, wayaa isaa deebisanii itti uyyisani. Duuba isa fannisuuf alaatti geessan. Namii biyya Qareenaa ka Simi'oon jedhan tokko, abbaan Iskindrosii fi Ruufos, adoo oobruu galuu jiru isaaniin ba'e; jennaan qabanii, fannoo Yesusii baachisani. Fulaa tokko ta Golgootaa jedhaniin dhufan. (Golgoota jechuuni buqqee mataa jechuu.) Achiin baanaani warrii daadhiifi qumbbi walti naqee itti kenne; innii ammoo dhugu dide. Jennaan fannoo irratti isa fannisanii, wayaa isaa qoodatanii, waan namu dhaqabaa ilaaluuf hixaa buufatani. Yo'ii isa fannisani sun sa; aatti sadii. Balleessaa himataniin mulisuuf “Kun hayyu Yihudii” jedhani, mataa isaa gararootti berreessani. Isa biraatti algaltoota lama, tokko gama mirgaatiin, kaan gama bitatiin fannisani. Karaa kanaani barreessiin, “Nama hamaamaa isa waliin herregani” jettu guutamte. Namii dhaattuu isaa yaa'ee mataa itti irbee, “Lee! atiin ka silaa Mana Waaqaa cacabsitee, guyyaa sadii keessatti jaartu! Mee ufi baasii! Fannoo irraa bu'ii!” jedhani arrabsan. Akkasuma qaallole gugurdoofi jarii seera beekuulleen isa gooyeesanii waliinii, “innii ka nama dhibi baasee, danda'ee ufi hinbaasu. Kiristoon, hayyuu Israa'el, yo ta'ee akka nu arginnee isatti dhugeeffannu haa amma fannoo irraa gadi bu'uu!” jedhan; jarii isa waliin fannisaniilleen isa arrabse. Sa'aatii ja'aa jalqabee haga sa'aatii sagali laftii cuftii dukkanoofte. Ammallee sa'aatii sagali geennaani, Yesus qoonqoo guddoon iyyee, “Elo'ii, Elo'ii, lamaa sabaktanii?” jedhee yaammate; akkasi jechuuni, “Waaqaa kiyya, Waaqaa kiyya, maaf na lakifte?” jechuu. Warra achi ejaajju keessaa ka garii waan kaan dhageennaan, “Mee dhagaa, innii Eliyaas yaamu jiraa” jedhan. Warra keessaa namichii tokko utaalee daadhii dhangagooftuu waan akka miciraan buqqee hadhaa'aa, bututtuu laaftuu tokko keessa kaa'ee, hookkotti fannisee akka innii dhugu itti kennee, “Eegaa! akka Eliyaas dhufee fannoo irraa isa buusu laalla” jedhe. Yesus qoonqoo guddoon lallabee, hafuura baafatee ciche. Gollii Mana Waaqaa fulaa lamaatti gubbaa gad tarsa'e. Guddaan warra waraanaa ka isa dura ejju, akka innii akkas hafuura baafate arginaan “Namii kunin dhuguma ilma Waaqaati” jedhe. Nadheen gariilleen waan kana fagoo laaltee; warra keessa, Maariyaam ta Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yooseef, ammallee Salomeesti jira. Warrii warra gaafa Yesus Galiilaa jiruu isa gula yaa'ee isaa hojjate. Ammallee nadheen hedduu dhibiitti, ta isa waliin Yerusaalemitti olqabatte achi jira. Laftii galgaloomnaan waan guyyaan boriyyaa sanbataa ta'eef biyyitii kurfeefattee; Yoseef dira Armaatiyaa dhufe. Innii kora warra Yihudii keessa, nama ulfaa gurra qabu ka dhufiisa Mootuumma Waaqaa eegu. Yoseef garaa jabaatee, gara Philaaxos dhaqee, reeffa Yesusii kadhate. Philaxos, akka Yesus yoosuu du'e mamee, guddaa warra waraanaa yaamee, akka Yesus yoosuu du'e gaafate. Guddaa warra waraanaa irraa dhageennaan, reeffa Yoseefiitti kenne. Yoseef wayaa marduufaa bitee, reeffa isaa fannoo irraa gad buusee, wayaa taanin mamaree, goda dhakaa keessaa bocan keessatti awwaalee, dhakaa tokko afaanitti gangalche. Maariyaam Magdalaatii fi Maariyaam haadha Yesus, fulaa Yesus itti awwaalan argan. Guyyaan Sanbataa dabarraan, Maariyaam Magdalaa, Maariyaam haadha Yaqoobitii fi Salomeenis akka dhaqanii nafa Yesusii diban waan urgooftuu bitan. Jalqaba torbaan sunii, guyyaa sanbataa ganama akkuma aduun baateen ka'anii fulaa awwaalaa dhaqan. Karaatti, “Eentu dhakaa afaan awwaalaatii nuu gangalcha?” waliin jechaa dhufan. Millannaan, dhakaa guddoo guddaa kaan ka dudda duubaatti gangalchan argan. Akkuma awwaala seenaniin nama ka'iimaa tokko, ka wayaa adii gad dheertuu uyyifatee gama mirgaa ta'uu arganii, guddoo maman. Innii ammoo, “Hin mamiinaa! Isan Yesus Naazireetii ka fannisan barbaaddan; innii la kaa'ee, arma hinjiru! laala, kunoo, fulaa warrii qara isa ciibisiseeyyuu! Ammoo beenaa! Jara isaatii fi Phexrosiin, ‘Innii isan duratti Galiilaa dhaqaa akkuma durii isanitti hime, achitti isa argittan’ jedhaa itti himaa” isaniin jedhe. Nadheen taan sodaattee hollattee kaatee, fulaa awwaalatii baqatte; waan sodaateef nama tokkolleetti homaa hin himne. Yesus jalqaba torbanii, guyyaa sanbata guddaa ganama du'a keessaa kaa'ee jennaan, qaraa Maariyaamii Magdalaa, ta innii jinnii torba keessaa baaseetti mullate. Isiin dhaxxee jara durii isa waliin jiru, adoo warrii iyyee boo'uutti jiruu itti himte. Warrii ammoo akka innii du'a keessaa ka'e, ammallee akka isiin isa argite dhageennaan, dhugeeffachuu dide. Eegii sunii, Yesus adoo warrii gara lafa oobruu yaa'uu nama lamaatti bifa dhibiin mullate. Warrii deebi'ee, jara kaaniitti himee; jarii kaan ammoo dhugeeffachuu dide. Eegii sunii, Yesus ergamtoota kudhanii tokko adoo warrii sagalee nyaatuu itti mullate. Waan warrii dhugeeffachaa dhabee, nama eegii innii du'a keessaa ka'e, isa argee, warratti himee dhugeeffachuu didee, mataa-jabaateef warraan lole. Innii warraan, “Lafa cufa keessa yaa'aa! Oduu dansaa nama cufatti himaa! Namii dhugeeffatee cuuphamu inbaafama, ka hindhugeeffanne ammoo wallaala itti muran. Warra natti dhugeeffate akeeka kanaatti keessatti mullata; warrii natti dhugeeffate kun maqaa kiyyaan jinnii nama keessaa baasa, afaan dhibiin dubbata; yo bofa harkaan qabee olfuudhe, yokaan yo hadhaallee dhuge homaa hinta'u; nama fayyaa hinqamne harka irra kaa'ee fayyisa” jedheen. Aabboo Yesus eegii jara ufiitti dubbatee, gubbaatti oldeebi'ee, harka Waaqaa mirgaan taa'e. Jarii isaa yaa'ee, fulaa cufaatti dubbii Waaqaa haasa'e; Aabboolleen warra waliin hojjatee dubbii akeekaa ta warrii tolche jabeesse. Ee'ee ulfaataa fi jaalatamaa Tewofilos! Waan dubbii jidduu teennatti tolchanii namii hedduun haga dandau yaayyuu barreesse. Warrii gaafa barreesse, akkuma jarii waan kana haguma duriitii gula yaa'u, ka ila ufitiin arge, odeessee nutti hime gula barreesse. Tanaaf, waan anin haguma qaraa dubbii tana akka dansaa ilaalee baradheef, akka waan kana qajeelchee sii barreessu dansaa se'e. Wantii anin waan kana tolchuuf akka atin dhugaa waan sii barsiisanii waan mirkana ta'e barattuuf. Bara Herodis hayyuu Yihudii, balbala qaallolee Abiiya keessa qaallicha tokkootti ka Zakaariyas jedhan jira; niitii isaa maqaan Elsaabex; isiilleen balbaluma warra qaallolee keessa jirti. Warrii lachuu Waaqaa duratti warra dhugaati, wallaala malee seera isaatii fi aadaa isaa cufa guutan. Taatuulle ammoo, Elsaabex marroo maseena taateef, ilmee hindhale; ammallee jarii lachuu jaarrolee. Gaafa tokkoo Zakaariyas guyyaan faroo isaa geennaan, hujii qaalluu Waaqaa duratti hojjachuuf dhufe. Akka aadaa qaallolee guutu, hixaan isa irra bu'ee jennaan innii ka'ee hixaana Mana Waaqaa keessatti aarse. Yo innii hixaana aarsuu jiru sun, namii cuftii alatti kadhachuu jira. Ergamaan Aabboo isaatti mullatee, gama mirgaa fulaa hixaana itti aarsan ejje. Zakaariyas arginaan rifatee na'e. Ammoo ergamaan, “Zakaariyas, hinsodaatiin! Kadhachaa tantee la dhagaanii niitiin tantee Elsaabex ilma sii dhaltii, atin maqaa isaa Yoh. aannis baaftaa. Innii guddoo si gammachiisa, ammallee waan innii dhalateef namii hedduun ingammada. Maaliif innii Aabboo duratti nama guddaa ta'a. Daadhii fi dhugaatii nama macheesitu cufumaa hindhugu, ammallee akkuma garaa haadhaa keessaa bu'een Hafuura Qulqulloon guutama. Innii ijoollee Israa'el hedduu gara Aabboo Waaqaa isaanii deebisa, innii Hafuuraa fi jabeennaan Eliyaasitiin fuula Aabboo dura deema, akka garaa abbootii gara ilmaanii deebisu, ammallee akka nama Waaqaa hinsaalfaneellee qalbii warraa dhugaatti deebisee gumii Aabboo Waaqaa Waaqaa kurfeessu” jedhe. Zakaariyas ergamaan, “Anin akkamiin waan kana beeka? Anin la jaaree, niitiin tiyyalleen la jaartee lulluttee” jedhe. Ergamaan ammoo, “Anin Gabri'el, ka fuula Waaqaa dura ejjatu, akka oduu dansaa tana sitti himu na sitti ergan. Atin ammoo waan dubbii tiyya ta eegii tanaa guutamtu dhugeeffachuu diddeef, haga wantii kun guutamtuutti afaanii duuddaa hindubbattu” jedhe deebiseef. Jarii yo sun Zakaariyas eeguu sun waan innii akkana Mana Waaqaa keessatti tureef inmame. Innii gad baanaan dubbachuu dadhabee, akka innii Mana Waaqaa keessatti daayya arge beekan. Dubbachuu dadhabee jennaan harka dadarbaa akeekaan itti haasa'e. Guyyaan faroo isaa hobaanaan innii warra ufiitti gale. Achiin duubaatti niitiin isaa Elsaabex garaachooftee, haga ji'a shanii cufa dhoffatte. Isiin, “Aabboon la fafa naa didee na qarqaaree fuula namaa duratti waan dansaa kana naa tolche” jette. Elsaabexii haga ulfooftee ji'a ja'aa Waaqii ergamaa Gabri'el jedhan gara biyya Galiilaa dira Naazireeti jedhaniitti erge. Ergaan isaa gara intala dubraa ta namichii Yoseef jedhan, ka gosa Daawiti kadhachuu jiruu, maqaan intalaa Maariyaam. Ergamaan Waaqaa gubbaa isitti dhufee nagaa fuudhee, “Atin ta Waaqii guddoo eebbisee, nageennii sii ha ta'uu, Aabboon si waliin jiraa” jedhe. Maariyaam nagaa kaan dhageenaan, garaa ufii keessatti guddoo rifattee mamtee, “Kunin nagaa akkamii?” jette. Jenaann ergamaan isiin, “Ee Maariyaam, hinsodaatin! Waaqii ya si eebbisee! Atin garaachoofteetti ilma dhaltaa, maqaa isaa Yesus jedhii baas. Innii guddaa ta'a ilma Waaqaa Guddaa jedhanii yaaman, Aabboo Waaqii hayyumaa abaaboo isaa Daawit inkennaaf. Haga jiruu jireennaa hayyuu warra Yaaqob ta'a; hayyuumittii isaalleen muummee hinqabdu” jedhe. Maariyaam ammoo, “Anin haga ammallee dubraa, wantii kunin akkamin taati?” jettee ergamaa gaafatte. Ergamaan deebiseefii, “Hafuura Qulqullootti sitti dhufa, jabeennii Waaqaa Guddaa sitti gaadiseessa, tanaaf daa'ima qulqulloo dhalatu sun, ‘Ilma Waaqaa’ jedhanii yaaman. Me laal, Elsaabex fiixaan tantee, ta qara ya maseente jedhan, amma ganna jaarumaatin ilma dhiiraa dhaluuf haga garaachooftee, kunoo amma ji'a isii ka ja'eessoo keessa jirtii. Wantii Waaqii tolchuu hindandeenne tokkkoolleen hinjirtu” jedhee deebiseef. Maariyaam deebicheefii, “Ee anin garbittii Aabbootii, akkuma atin jette ha naa taatuu” jette. Jennaan ergamaan ka'ee isii biraa deeme. Gaafasuma Maariyaam kaatee hariitiin gara dira lafa Yihudaa ka gaarreen keessaa dhaxxe. Mana Zakaariyas ol seentee, Elsaabex nagaa fuute. Elsaabex nagaa Maariyaam dhageennaan, daa'imii garaa isii keessatti gammadaan taphatee, Elsaabex Hafuura Qulqulloon guutamte. Qoonqoo olfudhattee lallabdee, “Nadheen cufa keessaa ya si eebbisan, ammallee daa'imii garaa kankee keessa jiruulleen ya eebbifame. Ulfiinnii akkana guddaa akkamiin naa ta'e, ta haatii Aabboo kiyyaa natti dhufte? Akkuma nagaa kankee dhaga'een, daa'imii garaa kiyya keessatti gammadee taphate. Waan atin akka dubbiin Aabboon sitti hime guutamtu dhugeeffatteef ya si eebbisan” jette. Maariyaam faarsitee, “Garaan kiyya Aabboo faarsa, Hafuurii kiyyalleen marroo Qarqaarsa kiyyaatiif ingammada, Innii dhaloota cufa keessatti warra isa sodaatuu in na'e. Innii harka ufitiin jabeenna ufii agarsiisee, warra herregaan ufii guddisuu firfirse. Hayyoota ufi gugurdiftu barcumaa guddinnaa irraa kaasee warra ufi didiqqeessu ulfinnaan irra teteessise. Innii warra beela qabu waan dansaan quufsee, dureeyyii harka duwwaa gusse. Innii Akkuma abaaboota teennatti kakatee, hojjattuu isaa Israa'el laayyuu qarqaare; Ammallee akka haga jiruu jireennaa Abrahamii fi dhaloota isaatii na'uu qaabate” jettee faarsite. Maariyaam haga ji'a sadii isii waliin teettee eegee gara warra ufiitti galte. Elsaabex ji'i isii hobaanaan ilma dhiira deette. Ollaa fi fiixaan isiilleen akka Aabboon isii na'e arginaan guddoo isii waliin gammadan. Guyyaa saddeettessoo gurbaa dhaqaanqabaa qabuu dhufan; akka maqaa abbaa gula Zakaariyas jedhanii maqaa baasuu fedhan. Haatii isaa ammoo, “Akkasinitii, Yoh. aannis ha jedhanii” jettee didde. Warrii ammoo, “Fiixaa teessan keessa namii maqaa akkasitiin yaaman hinjiru” jedhe. Jennaan abbaa harkaan gaafatanii, “Maqaan gurbaa eennu?” jedhaniin. Zakaariyas waan irratti barreessu akka kennaniif gaafatee, “Maqaan isaa Yoh. aannis” jedhee barreessee jennaan, namii cuftii mame. Yoma sun arrabii isaa hiikamee, dubbatee Waaqaa faarse. Ollaan cuftii sodaatee, dubbiin taan ballattee haga lafa gaarreen Yihudaa cufa dhaqabadde. Namii dhaga'e cuftii garaa ufii keessa keeyyatee, “Waan dhugumaan jabeenna Waaqaa qabuuf gurbaan kun nama akkam ta'a badaa?” jedhan. Abbaan isaa Zakaariyas Hafuura Qulqulloon guutamnaan himee, “Aabboo Waaqii Israa'el ha galatoomuu, waan gumii ufii qarqaaree baasuu dhufeef, Innii dhaloota hojjataa ufii ka Daawitii keessaa baafama takka arganii hindhaga'iin nuu kenne. Wantii innii haguma duriitii afaan raagoota isaa qulqullootiin dubbate akkana, akka harka nyaaphaatii fi jara nu jibbuullee jalaa nu baasuu kakate, abaaboota teennaa na'uuf, waldhaqiisa isaa qulqulloo qaabate, kakuu abaaboo keenna Abrahaamitti kakate, akka harka nyaapha keennaa keessaa nu baasee, nu sodaa malee isaa hojjannu, akka haga jirru cufa qulqulloomaa fi dhugaan fuula isaa dura jiraannu. Gurbaa, sillee raaga Waaqaa Guddaa jedhanniitti si yaaman; karaa isaa midhasuuf fuula Aabboo dura indeemta; akka gumii isaa waan baafamaa, ka araarama cubbuu namaa dhufuun, barsiiftu. Waaqii keenna yo cufa Waaqaa naasuu; innii kaayoo ta akka aduu gubbaa nutti ibsa; akka warra dukkanaa fi gaaddisa du'aa keessa jiruutti ibsu, akka faana teenna karaa nagaa gula qajeelchu” jedhe. Gurbaan guddatee nafaa fi Hafuuraalleen jabaatee, haga Guyyaan innii Israa'elitti ufi mullisu ga'uutti lafa gammoojjii keessa taa'e. Bara sun akka nama lafa Roomaa keessa jiru cufaa maqaa barreessan seerii gara Qiisar Awgusxosiitii ba'e. Barreessiin tun ta qaraa, ta gaafa Qereenewos lafa Sooriyaa fidee. Jennaan duuba namii cuftii akka dira ufiitti maqaa barreeffatu yaa'e. Yoseefiilleen waan dhaloota Daawit ta'eef dira Naazireetii ka biyya Galiilaa keessaa ba'ee, lafa Yihudaa keessa, dira Daawiti ka Betlihem jedhaniin ba'e. Maariyaam Intala kadhate waliin akka barreessan deeme, isiin ammoo garaacha qabdi. Adoo warrii Betlihem jiruu ji'ii isii alaa hobba'e. Isiin ilma angafa deettee, waan mana keessummaa keessaa fulaa dhabaniif wayaa itti uyyiftee gonboo keessa rafifte. Ardaa sun keessa tissituun halkaniin horii tissaa bulti. Ergamaan Aabboo tassa warratti mullatee, guddinnii Aabboo dhaattuu warratti ibsee jennaan, warrii guddoo sodaatee, ergamaan ammoo, “Hinsodaatinaa! Anin oduu dansaa nama cufa gammachiiftuun isanii dhufee. Ardha dira Daawiti keessatti Fayyisaan Kiristoo Aabboo jedhan la isanii dhalate. Waan kanaatti akeeka isanii ta'a. Daa'ima gonboo keessa rafisanii wayaa itti uyyisan argitan” isaaniin jedhe. Jennaan ergamaa sun waliin duulii ergamtoota Waaqaa hedduun tassa dhufee Waaqaa guddisee, “Guddinnii Waaqaa guddaa gubbaa jiruu ha ta'uu, lafa irratti nageennii jara innii eebbisuu ha ta'uu” jedhanii Waaqaa faarsan. Ergamtootii warra biraa yaatee gubbaatti oldachatee jennaan tissituun, “Beenaa, haga Betlihem nu yaasaa, waan Waaqii nu beessise ka ta'e kana laallaa” waliin jette. Hariifachaa yaa'anii Maariyaam, Yoseefii fi daa'ima gonboo keessa rafisan argan. Daa'ima kaan arginaan oduu isaa ta ergamtoota irraa dhaga'an taan haasa'an. Namii dhaga'e cuftii waan tissituun itti himte guddoo mame. Maariyaam ammoo dubbii taan cufa garaa qabattee herredde. Tissituun dachaatee, marroo waan cufaa ka argitee dhageetteellee Waaqaa guddichee faarsite. Wantii cuftii akkuma ergamtootii warratti himte taate. Guyyaan saddeettessoo, ka mucaa dhaqaanqabaa qaban geennaan, akkuma ergamaan Waaqaa adoo haatii hingaraacha'inuu himee, maqaa isaa Yesus baasan. Akka seera Musee gula Guyyaan qulqullaa'uu geennaan, Yoseefii fi Maariyaam Yerusaalem isa geessanii, Aabboo Waaqaa duratti dhi'eessan. Wantii akkanatiif seera Waaqaa keessatti, “Ilma angafa cufa Aabboo Waaqaa baasuu malan” jedhanii ya barreessan. Ammallee warrii sooriyoo baasuu deemee, akka seera Aabboo Waaqaa keessatti himan, “Sabaliisa didiqqaa lama yokaan gugurdaa lama” dhi'eessuuf isa fide. Bara sun nama tokkootti ka Simi'oon jedhan ka Yerusaalem taa'uu jira, innii nama qajeelaa Waaqaa sodaataa baafama Israa'el eegatu, ammllee innii Hafuura Qulqulloo qaba. Hafuurii qulqulloon duraanuu akka innii haga Kiristoo Ilma Waaqaa arguutti hindoone isa beessise. Hafuurii qulqulloon geessee, Mana Waaqaa olseene. Maariyaamii fi Yoseef akka aadaa seeraa guutaniif Yesus daa'ima qabatanii manaan olduudan. Simi'oon mucaa olhamphaaree, Waaqaa faarsee, “Amma lama Aabboo, akkuma qaraa dubbatte, hojjataa kankee nagaan deemsis! Maaliif fayyisaa tantee iltii tiyya yaayyuu garte, ka atin fuula gosa cufaa duratti qopheessite, Ibsee gosa dhibiilleetti ibsituu, ammallee ta guddinna gosa tantee ta Israa'elitii kennitu” jedhe. Abbaa fi haatiilleen dubbii Simi'oon waan mucaa dubbate guddoo maman. Simi'oon warra eebbisee haadha isaa Maariyaam, “Mucaa kankee kana yaayyyuu foohatan, namii Israa'el keessaa hedduun isaan jiga, ka garii ammoo isaan ka'a; ammallee akka akeeka waan namii hedduun jibbuu ta'u, akka herregii garaa nama hedduu ka dhokate mullatuu fi akka laalaattii akka goraadee onnee tantee si waraantu” jedhe. Jaartii raagaa tokkootti ta dubra Faanu'el gosa Asher ta Annaa jedhan jira. Isiin haga fuudhanii dhiirsa isii waliin ganna torba teette, dhiirsii isii irraa doonaan haga ganna saddeettamii afurii cufa haadha hiyyeessaa taatee teette; Mana Waaqaa keessaa hinbaatuu, halkanii guyyaallee isiin agabdee guddiftee Waaqaa kadhatte. Isiilleen yoma sun dhuftee Waaqaa galata deebiftee, waan mucaa diqqaa kaanii nama baafama Yerusaalem eegatuu cufaatti himte. Yoseefii fi Maariyaam akka seera Aabboo gula waan aadaa ka hojjachuu malan cufa guutannaan, gara biyya Galiilaa dira warraa ka Naazireet jedhaniitti dacha'an. Mucaalleen guddatee, jabaatee; guddoo qaroome; ammallee eebba Waaqaa qaba. Haadhaa fi abbaan isaa ganna cufa marroo Jila Dabarsaatiif gara dira Yerusaalem dhaqan. Gannii isaa kudhanii lama geennaan akkuma aadaa warraa gula jila dhaqan. Jiltii hobbaatee jennaan, adoo warrii gara mana isaanii galiisaa yaa'uu, Yesus ka haadhaa fi Aabbaan quba hin qabnee Yerusaalemiitti hafe. Waan innii gumii waliin jiruu se'anii, eegii yaasuma guyyaa tokkoo cufa yaa'an, fiixaa isaanitii fi warra ilaan beekaniillee iyyaafatan. Dhamnaan isa barbaaduuf Yerusaalemiitti dacha'an. Eegee bultii sadiin duuba, adoo innii jidduu qaallolee taa'ee ufiillee caqasee warraallee wa gaafatuu, Mana Waaqaa keessatti argan. Namii isa dhaga'e cuftii beekumaa fi deebii deebisuu isaa guddoo maadeeffate. Isa arginaan haadhaa fi abbaalleen guddoo mamanii, haatii, “Gurbaa atin maaf akkana nu tolchite? Ka naa fi abbeelleen guddoo yaaddomnee si barbaannee” jette. Jennaan innii, “Maaf na barbaaddan? Akka anin mana Abbaa kiyyaa keessa taa'uu malee hinbeettanii?” isaaniin jedhe. Warrii ammoo dubbii innii jedheen hinmidhaffanne. Jennaan innii warra waliin deebi'ee Naazireetitti galee, warraa ajajame. Haatii isaa ammoo dubbii sun cufa garaatti qabate. Yesus olguddatee, qalbii horatee, Waaqaa fi namiilleen isa eebbise. Ganna kudhanii shaneessoo ka Qiisar Xiberiyos lafa fide, Phonxos Philaaxos lafa Yihudaa bulche; Herodis ammoo hayyuu Galiilaa, obboleessii isaa Filiphos hayyuu lafa Ixuriyaa fi Xraakonixisitti, Lisaanyasiileen hayyuu lafa Abiliiniyatti, Bara hanaasii fi Qayyafan qaallolee gugurdoo ta'an, dubbiin Waaqaa lafa gammoojjii keessatti Yoh. aannis ilma Zakaariyasiitti dhufte. Yoh. aannis lafa cufa ta dha'attuu galaana Yordaanos keessa deemee, “Cuuphamaa, cubbuu irraa deebi'aa, Waaqii cubbuu teessan isanii araaramaa” jedhee labse. Akkuma kitaaba raaga Isaayaasii keessatti barreessanii, “Qoonqoon nama lafa gammoojjii keessaa iyyuu, ‘Karaa Aabboo midhaassaa, daandii isaa qajeelchaa! Baleen cuftii haguutamtuu; gaarreenii fi goorollee cufa ha dirirsanii; fulaa dabdu cufa ha qajeelchanii, karaa kakkattee cufa ha walqixeessanii; namii cuftii baafama Waaqaa ila ufiitiin arga’ ” jette. Yoh. aannis gumii cuuphamuuf gara isaa dhufte gorsee, “Isan ilmaan bofaa-buutii! Eentuu akka isan dallansuu dhuftu duraa baqattan isanitti hime? Hujjii namii cubbuu irraa deebi'e hojjatu hojjadhaa malee, ‘Abbaan keenna Abrahaam’ ufiin hinjedhinaa. Waaqii dhakaa kana keessaa ilmaan Abrahaamii kaasuu danda'aa. Ammumaayyuu agaraa ya hidda mukaa jala ka'aanii, muka midhaan dansaa hinbaamne cufaa muraniitti ibidda keessatti jisan” jedhe. Jennaan gumiin, “Nu maan tolchina ree?” jettee Yoh. aannis gaafate. Innii deebiseefii, “Namii kootii lama qabuu nama tokkoollee hinqamnee ha kennuu, ammallee ka sagalee qabuulleen akkasuma warra dhabee ha kennuu” jedhe. Jarii qaraxaa guuruulleen cuuphamuu dhufee, “Aabboo, nu maal tolchuu malle?” jedhee gaafate. Innii deebisee warraan, “Haga qaraxaa guuraa jedhan hindabarsinaa” jedhe. Warrii waranaalleen, “Nu ammoo maal tolchuu malle?” jedhe. Innii, “Horuma isanii kennan sifeefadhaa malee nama tokkoollee irreen yokaan karaa dharaatiin horii irraa hinfudhatinaa” jedhe. Biyyitii adoo waan dhufaa eedduu, “Yoh. aannisii kunuu Kiristoo ta'iinnaa badaa” jettee garaatti herredde. Innii warra cufaan, “Dhugumaa anin bisaaniin isan cuupha, ammoo nama narra jiruu tokkootti dhufa ka seemsaa kophee isaallee anin hiikuu hinmaliin. Innii Hafuura Qulqulloo fi ibiddaan isan cuupha. Innii hafaree harkaa qaba, akka fulaa dargaayyee itti hafarsan qulqulleessee dargaayyee kodhootti galfatu; qola isii ammoo fulaa ibidda hindhamneetti guba” jedhe. Sun maleellee Yoh. aannis dubbii hedduun biyya gorsee oduu Waaqaa dansaallee namaatti hime. Yoh. aannis hayyuu biyya Galiilaa Herodis waan innii wasiilaa ufii Herodiyaas barateef, ammallee waan innii cubbuu dhibii hedduu tolcheef, mittisee, jennaan Herodis haga qaraallee irra waan hamtuu tolchee, Yoh. anniisllee hidhe. Duuba eegii namii cuftii cuuphame Yesus cuuphame. Adoo innii kadhatuu, gubbaan Waaqaa banamtee, Hafuurii Qulqulloon ka bifa sabaliisaa qabu isa irra bu'ee, qoonqoon Waaqaa gubbaa dhuftee, “Atin ilma kiyya, ka anin jaaladhu, guddoo na gammachiifta” jette. Yesus Gaafa hujii isaa jala qabe gannii isaa gara soddomaa kana, namii ilma Yoseefii isa se'e; hidda dhaloota isaa yo hennee, Yoseef ilma Elii, Eliin ka Maataat, Maataat ka Lewwii, Lewwiin ka Malkii, Malkiin ka Yanaay, Yanaayiin ka Yoseef, Yoseef ka Maataatiyas, Maataatiyas ka Amos, Amos ka Naahom, Naahom ka Eslii, Eslii ka Naagee, Naageen ka Maa'atii, Maa'atin ka Maataatiyas, Maatatiyas ka Seeme'i, Seeme'iin ka Yoseef, Yoseef ka Yihudaa, Yihudaa ka Yo'anaan, Yo'anaan ka Resaa, Resaan ka Zarubaabel, Zarubaabel ka Salati'el, Salati'el ka Nerii, Neriin ka Melkii, Melkiin ka Adii, Adiin ka Qosam, Qosam ka Elmaadaam, Elmaadaam ka Eerii, Eeriin ka Yoshu'aa, Yoshu'aan ka Elii'ezaar, Elii'ezaar ka Yooraam, Yooram ka Maataat, Maataat ka Lewwii, Lewwiin ka Simi'oon, Simi'oon ka Yihudaa, Yihudaan ka Yoseef, Yoseef ka Yoonaam, Yonaam ka Eliyaqim, Eliyaqim ka Meleya, Meleyan ka Maayinaan, Maayinaan ka Maaxaataa, Maaxaataan ka Naataan, Naataan ka Daawit, Daawit ka Iseyi, Iseyiin ka Yoobeed, Yoobeed ka Boaz, Boaz ka Salmoon, Salmoon ka Nahasoon, Nahasoon ka Aminaadaab, Aminaadaab ka Aaram, Aaram ka Hesrom, Hesrom ka Faares, Faares ka Yihudaa, Yihudaan ka Yaaqoob, Yaaqoob ka Yisihaq, Yisihaq ka Abrahaam, Abrahaam ka Taaraa, Taaraan ka Naahor, Naahor ka Seruug, Seruug ka Raagaawu, Raagaauun ka Feleg, Feleg ka Ebeer, Ebeer ka Shala, Shalan ka Qaaynam, Qaayinam ka Arfaaksaad, Arfaaksaad ka Seem, Seem ka Nohi, Nohiin ka Lamek, Lamek ka Mat. usaala, Mat. usaalan ka Henok, Henok ka Yaared, Yaared ka Mahalalel, Mahalalel ka Qaayinaan, Qaayinaan ka Enosh, Enosh ka Sheet, Sheet, ka Addaam, Addaam ka Waaqaa. Yesus Hafuura Qulqulloon guutamnaan Galaana Yordaanosiitti deebi'ee, Hafuurii sun lafa gammoojjiitti isa geessee, haga bultii afurtamaa sheexanii isa laallate. Innii haga sun cufa sagalee malee taa'ee, guyyaa muummee guddoo beela'e. Sheexanii isaan, “Atin Yo dhugumaan Ilma Waaqaa taatee, dhakaa kanaan, ‘Qixxaa ta'i’ jedhi” jedhe. Yesus ammoo deebiseefii, “Qoonqoon Waaqaa, ‘Namii qixxaa callaan hinjiraatu’ jette” jedheen. Jennaan sheexanii gaara dheeraa tokko isa korsiisee marroo tokkoon guddinna lafa tanaa cufa garsiisee, “Waan akka anin abbaa fedhuu kennu harka kiyyatti kennaniif, jabeenna lafa tanaa cufaa fi horii isiillee cufa sii kennaa, duuba yo atin jilbiiffattee naa sagadde wantii kun cuftii kankee taati” jedhe. Yesus ammoo deebisee, “Qoonqoon Waaqaa, ‘Aabboo Waaqaa kankee callaa sagad, isuma callaa Waaqeffadhi’ jetti” jedheen. Jennaan Sheexanii Yerusaalem isa geessee, fiixee Mana Waaqaa irra dhabee, “Akka si tissitu Waaqii ergamtoota ufiitti himaa. Ammallee, akka miilii kee dhakaatti hinguffanne warrii harka ufiitiin si qabaa wantii jedhaa la barreeffamte; atin yo dhuguma Ilma Waaqaa taatee, arma irraa ufi gad lakkis!” jedheen. Yesus deebisee, “Qoonqoon ‘Aabboo Waaqaa kankee hinlaallatin’ jetti” jedheen. Sheexanii laallachaa ufii ta Yesus laallate cufa fixanaan haga yo dhibii laallatuu asi isa biraa deeme. Jennaan Yesus jabeenna Hafuura Qulqullootiin ka'ee Galiilaatti deebi'ee; gurrii isaa ardaa sun cufaa ga'e. Innii achitti manneen waldeennaa keessatti nama barsiisee; namii cuftii isa saade. Yesus Naazireet fulaa itti guddate dhufee, akkuma amala isaa guyyaa Sanbataa mana waldeennaa dhaqee, olejjee dubbii Waaqaa dubbise. Kitaaba raaga Isaayaas itti kennaanii jennaan, saaqee fulaa dubbii tana itti barreessan arge. “Hafuurii Aabboo na gubbaa jira; akka anin oduu dansaa hiyyeeyiitti himu innii ya na muude. Akka warra hidhaniitti waan hiikaansaa himu; akka ballaalleen lafa argu; akka warra gaargalchan gaargala keessaa baasu; akka bara Waaqii gumii ufii baasuu himu innii ya na erge” jedhe. Yesus kitaaba cufee nama mana waldeennaa sun eeguutti kennee taa'e. Namii mana waldeennaa kaan keessa jiru cuftii ila isaatti qabee isa laale. Innii dubbii fuudhee, “Dubbiin kitaabaa ta dhageettan tun ardha ya ila teessan duratti guutamte” jedhe. Namii isa caqase cuftii dhugaa isaa galchee, dubbii dansaa afaan isaa keessaa baate maadefatee, “Kunin ilma Yoseefitiinitii?” jedhe. Innii ammoo warraan, “Isan silaafuu mammaassa kana natti mammaattaniitti, ‘Ee cirreessa, qara ufi fayyisii, waan lafa Qifirnaahomitti tolchitte ta nu dhageenne sun akkasuma arma lafa tantee keessaalleetti tolchi’ naan jettan” jedhe. Ammallee innii, “Dhugumaa waan anin isanitti himuu, Raagii lafa ufii keessatti dhugeeffatan hinjiru. Bara Eliyaas, ka bokkeennii ganna sadii fi ji'a ja'a oolee, beeltii guddoon lafa cufaa dhuftee, lafa Israa'el keessa nadheen dhiirsii irraa du'e hedduutti jira. Eliyaas ammoo, niitii dhiirsa hinqamnee takka ta ollaa Saraaphtaa, ta lafa Sidoon keessa jirtu malee, nama tokkoolleetti hinergamne. Ammallee bara raaga Elsaa'i lafa Israa'el keessa nama hedduutti ka qomaaxaa qabu jira; Na'amaan ammoo namiicha lafa Sooriyaa sun malee, warra kaan keessaa namii tokkoolleen hinfayyine” jedhe. Namii mana waldeennaa keessa jiru cuftii dubbii taan dhageennaan guddoo dallane. Jennaan ka'anii dira keessaa isa gussanii, gara gaara dira isaanii gubbaa jaaranii isa geessan, akka silaa fiixee gaaraa irraa darbatan, innii ammoo jidduu warraatii ba'ee ka'ee itti dhabate. Jennaan Yesus gara dira Qifirnaahom ka Galiilaa keessaa gad bu'ee; guyyaa Sanbataa biyya barsiise. Waan dubbiin isaa jabeenna qabduuf waan innii barsiise sun guddoo maman. Nama tokkootti ka jinnii hamtuu qabu mana waldeennaa sun keessa jira; innii qoonqoo olfudhatee iyyee, “Eeyyaa, Yesus Naazireet, atin maan nurraa qabda? Nu balleessuu dhuftee? Anin eennu akka atin taate si beeka; atin Qulqulloo Waaqaatii” jedhe. Yesus ammoo isa dubbachuu dhowee, “Callisii, isa keessaa ba'i!” jedheen. Jennaan jinniin taan jidduu biyyatti namicha kaan lafaan dhooftee adoo waan tokkoollee isa hindhukkubsinuu, keessaa baate. Biyyitii cuftii maadeffattee, “Dubbiin tun maan? Innii humnaa fi jabeennaan jinnii seera, duuba isiin nama keessaa baate” waliin jette. Gurrii isaa ardaa sun cufa keessa fulaa cufa ga'e. Yesus mana waldeennaa keessaa ba'ee mana Simoon seenee; haatii niitii Simoon qandhoo qabdii, jennaan waan isii Yesusiitti himan. Yesus isii bira ejjee, “Qandhoo irraa gal!” jedhee jennaan, qandhoon taan irraa galtee, isiin yoma sun kaatee warra gololchite. Galgala sun eegii aduun dhiite, nama fayyadhabee dhukkuba gosa gosaatiin gaargalaa ture, cufa isaattiin dhufanii, innii harka irra kaa'ee fayyise. Jinniilleen waan akka innii Kiristoo ta'e beettuuf qoonqoo guddoon iyyitee, “Atin Ilma Waaqaa” jechaa nama hedduu keessaa yaate. Innii ammoo “Callis!” jedhee isii dubbachuu dhowe. Laftii bariinaan innii ka'ee lafa moggaa ta namii hinjirre dhaqe. Biyyitii isa barbaaddee arginaan, akka innii warra lakkisee biraa hindeemne kadhattee, innii ammoo warraan, “Anin oduu dansaa Mootummaa Waaqaa dira dhibiilleetti himuu male; waan tanaaf na erganiif” isaaniin jedhe. Duuba dhaqee manneen waldeennaa ta Yihudaa keessatti nama barsiise. Gaafa tokkoo, adoo Yesus dhaattuu galaana Genesaarexii ejjuu, gumiin dubbii Waaqaa isa irraa dhaga'uu feetee adoo wal dhidhiibduu isaatti buute. Innii hoboloo lama ka guurtuun qurxummii keessaa yaatee xuruuraa dhiqachuu dhaxxe galaana biraatti arge. Jennaan hoboloo Simoon keessa seenee Simooniin, “Hoboloo tana diqqoo lafa irraa bisaan keessa hiissi” jedheenii, hoboloo keessa taa'ee biyya barsiise. Dubbii buufannaan Simooniin, “Hoboloo wadhakkaa bisaaniitti hiissi, akka qurxummii qabattan xuruuraa buusi” jedhe. Simoon ammoo deebisee isaan, “Aabboo, nu halkan edaa cufa guddoo hojjannee dadhamnee, ammoo tokkoollee hinarganne, ammoo waan atin jetteef anin xuruuraa inbuusa” jedhe. Akkas tolchinaan qurxummii hedduu qabanii, xuruuraalleen cituu ga'e. Waaheloota warraa ta hoboloo dhibii keessa jirtu harkaan yaamanii, “Nu qarqaaraa” jedhaniin. Warrii dhufee hoboloo lachuu qurxummiin guutee, hoboloon diqqumaa hinlixin. Simoon Phexros waan ta'e kana arginaan jilba Yesusitti jigee, “Aabboo anin cubbichaa na biraa deem!” jedhe. Mar. roo qurximii hedduu qabaniif, isaa fi warrii isa waliin jiruulleen cuftii guddoo mame. Waahelii Simoon ilmaan Zabdewosii Yaaqobii fi Yoh. aannisiilleen dubbii tana akkasumaa maman. Yesus Simooniin, “Hinsodaatin, armaa achi atin nama guurtaa” jedhe. Hoboloo ufii afaan galanaatti hirkisanii artumaatti lakkisanii ka'anii Yesus gula yaa'an. Eegii sunii, adoo Yesus dira tokko jiruu namii tokko, ka qomaaxaan nafa cufa balleesite, Yesus arginaan addaan duratti jigee, “Aabboo, yo feete, na qulqulleessuu indandeeta” jedheenii kadhate. Jennaan Yesus harka dheereffatee isa tuqee, “infedhaa qulqulla'i” jedheenii yoma tokkoon qomaaxaan irraa badde. Yesus ammoo, “Nama tokkoolleetti hinhimiinii, ammoo dhaqii qaallicha ufi garsiis, duuba akka aadaa seera Musee gula sooriyoo qalii akkasiin akka qulqulloofte nama cufa garsiis” jedheen. Gurrii isaa ammoo haga qaraallee irra lafa cufa ga'ee, gumiin guddoon akka isa caqaftuu fi akka dhukkuba fayyituu gara isaa dhufte. Innii ammoo guyyaa garii fulaa namii hinjirre dhaqee Waaqaa kadhate. Gaafa tokkoo, adoo innii nama barsiisuu jiruu, Fariisootaa fi jarii seera beekuu ka ollaa cufaa ka Galiilaa, ka lafa Yihudaatii fi dira Yerusaalemillen dhufee waliin tataa'an. Jarii tokko nama kokottaa'e tokko wasaasaan baatee dhufeenii, akka Yesus dura kaa'an, olseensisuu fedhe. Ammoo marroo guddinna gumiitiif fulaa seenaniin dhabanii jennaan, mana gubbaa koranii guutuu mana saaqanii wasaasaa waliin jidduu biyyaa keessatti Yesus duratti mana irraa gad buusan. Dhugeeffachaa warraa arginaan Yesus namicha fayyaa hinta'in kaaniin, “Abboo, cubbuu tantee la sii araaraman” jedhe. Jennaan jara seera beekuu fi Fariisotii, “Namii akkana Waaqaatti muratuu kuniin eennu? Waaqaa malee, eentuu danda'ee cubbuu namaa araarama?” jettee walgaafatte. Yesus ammoo herrega warraa arginaan, “Maaliif garaa keessan keessatti akkana herreddan? Cubbuu tee la sii araaraman jechuu fi ka'ii deem jechuu tamiitti irra laftuu? Ammoo akka anin ilmii namaa lafa tana irratti cubbuu namaa araaramuuf humna qabuu beekaa!” jedhe. Duuba innii namicha kokottaa'e kaaniin, “Anin sitti himaa ka'ii, wasaasaa tantee fudhadhuu, mana keetti gal!” jedheen. Yoma sun innii olka'ee, fuula warraa duratti wasaasaa fudhatee ka'ee Waaqaa galata galichaa mana ufiitti gale. Namii cuftii maadeffatee guddoo sodaatee Waaqaa galata galichee, “Ardha waan mamaa la argine” jedhe. Achiin duuba Yesus adoo alaatti ba'ee deemuu jiruu, nama qaraxaa guuru ka Lewwii jedhan tokko adoo innii fulaa qaraxa itti guuran taa'uu argee, “Na gula kootti” jedheen. Jenaan innii waan cufa lakkisee ka'ee isa gula deeme. Jennaan Lewwiin mana ufii keessatti sagalee guddoo isaa dhaabee, nama hedduu ka qaraxa guuruu fi nama dhibiillee sagalee waliin nyaate. Fariisotaa fi jarii seera beekuulleen waan jara isaa gungumanii, “Isan maaliif warra qaraxaa guuruu fi warra cubboollee waliin nyaattanii dhuddan?” jedhani gaafatan. Yesus deebisee, “Nama fayyaa dhabe malee, namii fayyaa qabuu cirreessa hinbarbaadu. Anin akka cubbichii cubbuu irraa deebi'u yaamuu dhufe malee, nama qajeelaa yaamuu hindhumne” jedhe. Warrii isaanii, “Ergmtootii Yoh. aannisitii fi ta Fariisotaalleen marroo hedduu ufi agabsiteetti Waaqaa kadhatti, ergamtootii tantee ammoo nyaattee dhuddi” jedhan. Yesus ammoo, “Yo abbaan fuudhaa achi jiruu keessumaa fuudhaa agabsuu indandeettanii? Hiyyoo. Ammoo guyyaan indhufa ka abbaa fuudhaa warra biraa fuudhan, gaafas jarii isaa inagaba” jedhe. Yesus mammaassa kanaallee warratti himee, “Namii wayaa haareettii tarsaasee wayaa dullattiitti erbu hinjiru. Yo akkas tolche, wayaa haaraa tarsaasa, wayaan haaraa fi dulattiin wal hindhaxxu. Namii daadhii oowwituu gorjoo dullattiitti naqu hinjiru; yo akkas tolchan daadhiin oowituun gorjoo dullatti tarsaaftee jiddi, gorjoolleen inbaddi. Tanaaf daadhiin oowwituun gorjoo haareettii malte. Ammallee namii daadhii turtee dhugee daadhii oowwituu yoma sun fedhu hinjiru; innii, ‘Ta turte suniitti irra dansaa’ jedha” jedhe. Guyyaa Sanbataa tokko, adoo Yesus oobruu keessa ba'ee dabruu jiruu, jarii isaa midhaan harkaan xuruuratee sukkuumatee nyaate. Jennaan fariisotii garii, “Isan maaliif waan seerii keenna dhowwuu guyyaa Sanbata tolchitan?” Warraan jette. Yesus deebiseefii, “Isan waan Daawiti gaafa beela'e jara waahela isaa waliin ta'e hindubbimnee? Innii Mana Waaqaa olseenee, qixxaa Waaqaa baasan, ka silaa qaallollee malee namii tokkoolleen nyaachuu hinmaliin, fudhatee nyaatee waahela ufiitii qoode” jedhe. Jennaan Yesus, “Ilmii namaa abbaa Sanbataati” warraan jedhe Guyyaa Sanbataa tokko dhibiillee Yesus mana waldeennaa seenee barsiise. Nama tokko ka harkii mirgichii rifateetti achi keessa jira. Jara seera beekuu fi Fariisotiilleen waan silaa Yesusiin himatan barbaaduuf, mee akka innii guyyaa Sanbataatiin nama fayyisu laala jedhanii isa eegan. Innii ammoo herrega warraa beekee, nama harkii rifate kaaniin, “Kootti, arma ejji” jedhee namichii ka'ee ach ejje. Jennaan Yesus warraan, “Anin dubbii tokko isan gaafadhaa seerii keennaa guyyaa Sanbataa maal akka tolchiinuu nu ajajja? Guyyaa Sanbataa waan dansaa moo waan hamtuu tolchan? Lubbuu namaa inoolchan moo inijeesaan?” jedhe. Warra lalaalee nama kaaniin, “Harka kankee diriirfadhuu” jedhe. Namichii harka diriirfatee jennaan fayye. Warrii kaan ammoo guddoo dallanee waan silaa Yesus tolchan walgaafate. Gaafasumaa Yesus gaara tokko koree, halkan tokko cufaa Waaqaa kadhachaa bule. Laftii bariinaan jara ufii yaamee, nama kudhanii lamaa keessaa foohatee, maqaa warraa ergamtoota jedhee baase. Maqaan isaanii Simoon (ka innii Phexros jedhee moggaase), Indiriiyas obbooleessa isaa, Yaaqoob, Yoh. aannis, Filiphos, Bartolomewos, Maatewos, Toomaas, Yaaqoob ilma Alfewos, Simoon ka “Nama lafa ufii jabeessu” jedhamee beekame, Yihudaa ilma Yaaqoobtii fi Yihudaa Keriyot ka Yesus gurgure. Yesus warra waliin gaara irraa gad bu'ee diida tokko keessa jara isaa ka hafeellee waliin ejje. Ammallee gumiin guddoon muummee hinqabne ta Yerusaalem, ta lafa afaan galaana Xiroosii fi Sidooniilleen akka dubbii isaa dhageettee dhukkuba fayyituu gara isaa dhufte, Namii jinniin gaargalchiteelleen infayye, ammallee waan jabeennii isa keessaa ba'ee warra cufa fayyiseef gumiin cuftii isa tuquu feete. Yesus jara ufii millatee, “Gammadaa isan warrii hiyyeeyyiin, Mootummaan Waaqaa teessanii! Gammadaa isan warrii amma beela qabu, isan quufsanii! Gammadaa isan warrii amma boottan, eegii tanaa inuma kofaltanii! Yo namii marroo maqaa ilma namaatiif jedhee, isan jibbee, isan gussee, isan arrabsee, maqaa keessaniillee waan hamtuun balleesse isan la badhatan. Guyyaa sun gammadaa, qiliixamaa olcecce'aa; wantii akkanatiif waan guddoo gubbaa argatan. Abaabootii warraalleen akkasuma durii raagota tolchite. Ammoo gaargalii keessan dureeyyii, qooda keessan ka gammadaa la argattanii. Gaargalii keessan warra amma quuftan, eegii tanaa inbeeloftanii. Gaargalii keessan warra amma kofaltan, eegii tanaa laleffattanii boottanii. Gaargalii keessan yo namii cuftii isan saadu, maaliif abaabootii warraalleen akkasuma raagota dharaa saadde” jedhe. Yesus itti dabree, “Ammoo warrii na dhageettaan waan anin isanitti himuu, ‘nyaapha keessan jaaladhaa, nama isan jibbuu waan dansaa tolchaa’ isaniin jedha. Nama isan abaaruullee eebbisaa, ka isanitti jallateellee kadhadhaa! Nama boqoo tokko si dhabanaasuu taallee dura qabadhuu; nama kootii tantee sirraa fudhatuu hubbaaraallee hindhowin! Nama wa si kadhatu cufaa kenni, ammallee nama wa sirraa fudhatu irra hinbarbaadin! Akkuma akka namii waan dansaa isanii tolchu feetan, akkasuma namaallee waan dansaa tolchaa! Yo nama isan jaalatu callaa jaalattan eebba tam argattan? Warrii cubbooleelleen nama warra jaalatu jaalata. Yo nama waan dansaa isanii tolche callaa waan dansaa tolchitan eebba tam argattan? Namii cubbichiilleen akkasuma tolcha. Ammallee yo nama waan innii isanii deebisuu seetan callaa wa liqeessitan, eebba tam argattan? Warrii cubbooleelleen akkasuma warra isaanii deebisaan se'uu wa liqeessaa. Isan ammoo nyaapha keessan jaaladhaa; waan dansaa tolchaaf; liqeessaaf; ammoo homaa irraa hineegatinaa! Duuba waan guddoo argattanii, ilmaan Waaqaa guddaa taatanii, maaliif innii warra galata hinbeennee fi warra cubbooleellee in na'aaf. Akka Abbaan keessan ka gubbaa namaa na'u isaniilleen namaa na'aa!” jedhe. “Namaatti hinmurinaa, Waaqiilleen isanitti hinmuruu; wallaala namaatti hinmurinaa, Waaqiilleen wallaala isanitti hinmuruu; namaa araaramaa, Waaqiilleen isanii araaramaa. Wa namaa kennaa, Waaqiilleen isanii kennaa; waan kiila dansaan gad miicaanii safaraanii sullee irraan dambala'aa harka keessanitti naqan. Homa isan namaa safartaniin isaniillee safaraan” jedhe. Yesus ammallee warratti mammaakee, “Ballaan danda'ee ballaan deemaa? Warrii lachuu boolla keessatti hinjiguu? Namii barsiisan nama isa barsiisu irra hinjiru. Ammoo namii cuftii gaafa wa baraate qixxe nama isa barsiisee ta'a. Atin maaliif huuba ila obbooleessa keetii keessa jiru laalta? Ka ufiiftuu jirma ila tantee keessa jiru hinargine; Yokaan akkam dandeettee obbooleessa keetiin, ‘Aaddaa, eegii, huuba ila tantee keessaa sii fuudhaa’ jetta, ka ufiiftuu jirma ila tantee keessa jiru hinargine? Dharticha, qaraa jirma ila tantee keessaa fudhadhu; yoos akka dansaa huuba ila obbooleessa kankeetii keessa jiru argitee keessaa fuutaafii” jedhe. Yesus barsiisa isaa itti dabree, “Mukii dansaan midhaan hamoo hinbaasu, yokaan mukii hamaan midhaan dansaa hinbaasu. Muka cufa midhaan isaatiin beekan; midhaan odaa waaccuu irraa hinguuran, yokaan midhaan zabiibuu makkaniisa irraa hinguuran. Namii dansaan dansooma garaa isaa keessaa waan dansaa baasa; namii hamaalleen hammeenna garaa isaa keessaa waan hamtuu baasa, wantii akkanatiif waan garaa jiraa arrabii dubbata” jedhe. Yesus ammallee ittuma dabree, “Isan ka waan anin isaniin jedhu hinguunnee maaliif, ‘Aabboo, Aabboo’ naan jettan? Nama natti dhufee dubbii tiyya dhagayee guutu cufa, waan innii fakkaatu isan agarsiisa. Innii nama mana jaaree, lafa qotee, gad fageessee, dhakaa gubbaatti yayyabe fakkaata. Bokkayii guddaan roobee lolaasee dhawaan mana sun dhooftee, marroo akka dansaa jaaraniif, chochoosuu dadhabde. Ammoo namii dubbii tiyya dhaga'ee hinguunne nama fulaa biyyee laftuutti, adoo yayyaba hinkaayin, mana jaare fakkaata. Dhawaan mana sun guddoo irreen dhooftee jennaan yoma sun jige. Jigansii mana sunii waan guddaa” jedhe. Yesus dubbii namaatti himuu fedhe taan cufa himee buufannaan ka'ee Qifirnaahom dhaqe. Duuba hojjataa shuumii tokko ka shuumiin sun guddoo jaalatu fayyadhabee ka lubbuu ta'e. Shuumiin sun waan Yesus dhageennaan jaarrolee Yihudii isaatti ergee, akka innii dhufee hojjataa isaa fayyisuuf kadhate. Yesus dhumnaan guddoo kadhatanii, “Nama kana dhugumaa waan kana tolchuuf malte, Innii gosa teenna jaalataa, ammallee mana waldeennaa tokko ya nuu jaaree” jedhan. Jennaan Yesus warra waliin deeme. Shuumiin kaan Yesus mana isaatti dhi'aannaan jaallan ufii itti ergee, “Aabboo, hingaargaliin! Atin mana kiyya keessa seenuu hinmallee; anilleen gara kankee dhufuu hinmallee; ammoo dubbuma tokko callaa dubbadhu hojjataan kiyya infayyaa. Anilleen seera jala jira, warrii waraanaalleen na jala jira. Yo anin tokkoon, ‘Deem’ jedhuu, innii indeema; yo ka dhibiin, ‘Kootti’ jedhuu, innii indhufa; yo hojjataa kiyyaan, ‘Akkana tolchi’ jedhuu, innii intolcha” jedhe. Yesus dubbii tana dhageennaan guddoo mamee, gumii isa gula yaatuutti garagalee, “Anin dhuguma isanitti himaa, dhugeeffachaa akkanaa tana anin takka Israa'el keessalleetti hingarre” jedhe. Jarii ergan kaan manaatti dachanaan hojjataa fayye arge. Eegii sunii Yesus dira Naayin jedhan dhaqee jennaan, jara isaatii fi gumiin guddoon isa gula yaate. Fuloo diraatti dhi'aannaan, nama reeffa baatee yaa'uun arge. Namii du'e sun ilma tokkocha niitii dhiirsa hinqamneeti; namii dira sunii hedduun isii waliin jira. Aabboo Yesus isii arginaan na'eefii, “Hinboo'in!” jedheen. Itti dhi'aatee wasaasaa reeffaan baatan taan tuqee jennaan, jarii baatu kaan ejaajje. Innii, “Gurbaa, anin ka'i siin jedha!” jedheen. Yoosuma gurbaan du'e kaan ka'ee taa'ee dubbatee jennaan, Yesus haadha isaatti kenne. Namii cuftii bakaakee, “Raagii guddaan yaayyuu jidduu teennaa ka'e; Waaqii la gumii ufiitti mullate” jedhee Waaqaa faarse. Gurrii isaa lafa Yihudaatii fi reera sun cufa ga'e. Jarii Yoh. aannisii oduu tana cufa isaatti himee, Jennaan, Yoh. aannis jara ufii keessaa lama yaamee Aabboo Yesusiiti ergee, “Atin ka indhufa jedhan moo ka dhibii eenna?” jedhe. Jarii kaan isaan baanaan, “Yoh. aannisii nama cuuphuutti gaafadhaa jedhee sitti nu ergee, ‘Atin ka indhufa jedhan moo ka dhibii eenna?’ ” jedhee gaafate. Yoma sun Yesus nama dhukkuba gargaraa qabu, ka jinniin gaargalchitee fi nama ballaa hedduullee fayyise. Innii ergamtoota Yoh. aannisitiin, “Dhaqaa, waan argitanii fi waan dhageettan Yoh. aannisitti himaa! Ballaan lafa arga; naafii ka'eetti deema, namii qomaaxaa qabu inqulqullaa, ka gurrii duude indhagaa; nama du'e inkaasan, oduu dansaa hiyyeeyyiitti himan. Namii na hinmormannee ka badhadhe!” jedhe. Ergamtootii Yoh. aannis yaanaan Yesus waan Yoh. aannisii gumiitti dubbatee, “Isan lafa gammoojjii maal daawachuu dhaxxan? Illadduu bubbeen chochooftuu? Yoos maal daawachuu dhaxxan? Nama wayaa dansaa uyyifatuu? Hubadhaa, namii shoobu, ka machii fedhu, mana hayyuu keessa taa'a. Maal daawachuu dhaxxan ree? Raagaa? Ee'ee, ammoo anin isaaniitti himaa, Nama raaga irra jiru argitan. Yoh. aannis kama barreessii keessatti Waaqii baanee, ‘Kunin ergamaa kiyya, anin si duratti isa erga, akka innii dhaqee daandii tantee si duratti midhaassu’ ” jedhe kaan. “Anin isanitti himaa, Namii lafa tana irratti dhalate tokkkoolleen ka Yoh. aannis irra jiru hinjiru; ammoo namii Mootummaa Waaqaa keessatti nama cufa irra diqqaa isa irra jira” jedhe. Namii cuftii waan kana dhageenaan, warrii qaraaxa guuruyyuu, waan harka Yoh. aannisiitti cuuphameef akka karaan Waaqaa dhugaa ta'ee hime. Fariisotaa fi jarii Seera beekku ammoo waan Yoh. aannisiin hincuuphamaniif herrega Waaqaa dide. Yesus itti dabree, “Nama dhaloota kanaa maaniin walti akeeka? Warrii maal fakkaataa? Warrii ijoollee fulaa gabayaa teteettee wal yaamtu, ta, ‘Dibbee isanii dhoomnee sirbuu diddan; laalalaan iyyinnee ammoo isan boo'uu diddan’ waliin jettu fakkaata. Yoh. aannisiin nama cuuphu dhumnaan qixxaa hinnyaanne, daadhiillee hindhunne, isan ammoo, ‘Innii maraataa’ jettaniin. Ilmii namaa dhumnaan nyaatee dhuge; isan ammoo, ‘Sabdicha, ammallee machaa'aa kana ilaalaa ka daadhii dhugu; innii jaala warra qaraxa guuruutii fi ka nama cubbichaati’ jettan. Ammoo akka qalbiin Waaqaa dhugaa taatee, warra dhugeeffateetti garsiisa” jedhe. Namichii Fariisotaa tokko Yesus gololaa yaamee jennaan, Yesus mana isaa seenee nyaachuuf taa'e. Jennaan niitiin cubbitiin dira sunii takka, akka Yesus mana namicha Fariisichaa keessatti sagalee nyaachuu jiru dhageennaan, duloo dhadhaa qayyaa qabduun dhufte. Isiin duuba fulaa miila isaa ejjitee boottee imimaan miila isaa irratti cocobsitee, rifeensa mataa ufiitiin irraa haxxee, miila isaa dhungattee, dhadhaa dibde. Namichii Fariisotaa ka isa yaamee gololche kaan waan kana argee jennaan, garaa ufii keessatti, “Namichii kunin adoo silaa raaga ta'ee, akka niitiin isa tuxxu tunin nama akkam taatee inbeeka; isiin cubbamtuu” jedhe. Yesus ammoo deebiseefii, “Simoon, anin dubbii tokko ta siin jedhu qaba” jennaan innii, “Aabboo, maal?” jedhe. “Nama tokkootti ka namii lamaa beesee irraa liqeefate jira; tokko qarshii kuma shanii, kaan ammoo qarshii dhibba shanii irraa liqeefate. Warrii lachuu baasuuf dadhabee jennaan, namichii kaan akkasumaatti lakkiseef. Tanaaf, akka keetiitti warra kana lamaan, kamiitti irra isa jaalata?” jedhe. Simoon deebiseefii, “Akka anin se'uutti, ka horii irra guddaa lakkisaniif” jedhe. Yesus, “Dhuguma baanta” jedhee, niitiitti garagalee, Simooniin, “Niitii tana agartaa? Anin mana kankee seennaan atin bisaan miilaallee naa hinkennine, isiin ammoo imimaan ufiitiin miila kiyya dhixxee, rifeensa mataa ufiitiin narraa haxxe. Atin na hindhunganne, isiin ammoo haga anin arma seenee miila kiyya dhungachuu hinlakkimne. Mat. aa kiyya atin hinmuunne, isiin ammoo miila kiyya dhadhaa qayyaa dibde. Tanaaf anin sitti himaa, Mar. roo isiin guddoo na jaalatteef cubbuu isii hedduu la araaramaniif. Ka diqqoo araaramaniif sunin ammoo diqqoo jaalata” jedhe. Jennaan innii isiin, “Cubbuu tantee la sii araaraman” jedhe. Jarii isa waliin tataa'u garaa ufii keessatti, “Eennu kunin ka cubbuullee danda'ee namaa araaramu?” waliin jedhe. Jennaan innii niitii taaniin, “dhugeeffachaan tantee la si baaftee, been, nagaan gali” jedhe. Eegii sunii adoo haguu hinturin Yesus diraa fi olloowwan cufa keessa dedeemee oduu dansaa Mootummaa Waaqaa hime. Jarii isaa kudhanii lamaaniilleen isa waliin yaa'ee, nadheen gariilleen ta jinnii fi dhukkuba gosa gosaa fayyite, Maariyaam Magdala ta jedhan ta jinnii torba keessaa baasan; Yo'aanaa, niitii Kuuzaa, ka waan mana Herodisii qorqorattuu, ammallee Susanaa fi nadheen dhibiilleen hedduun, ta horii ufiitiin Yesusii fi jara isaa qarqaarte isa gula yaate. Duuba namii dira cufa keessaa dhufee, gumiin guddoon walwaldeettee jennaan, Yesus mammaassaan warratti dubbatee, “Namii tokko midhaan facaasuu dhaqee, adoo innii facaasuu midhaan garii daandii keessatti jiganii, namii irra ejaajjatee, simphirreen dhuftee nyaattee hobbaafte. Midhaan garii lafa dhakaa gubbaatti jiganii, baanaan waan jiidha dhabaniif gogogaan. Midhaan garii qoraattii keessatti jiganii, qoraatin waliin baatee qancarsite. Midhaan garii fulaa biyyee dansaatti jiganii, baanaan midhaan dhibbaa dhalan” jedhe. Dubbii tana dubbatee jennaan Yesus qoonqoo olfudhatee, “Namii gurra qabu ha dhaga'uu” jedhe. Jennaan jarii isaa, “Mammaassii kunin maan?” jedhee isaa gaafate. Innii itti himee, “Waan Mootummaa Waaqaa ka durii nama dhossan yaayyuu isanii kennaan; ammoo namii kaan mammaassaan baraata, akka adoo laalaniillee homaa hinagarre, adoo caqasaniillee homaa hindhageenne” jedhe. Duuba mammaassii kunin akkana, midhaan dubbii Waaqaati. Midhaan daandii keessatti jigi sun warra dubbii dhaga'ee, ammoo sheexanii eegee dhufee akka dhugeeffatanii hinbaaneef dubbii garaa isaanii keessaa baasuu fakkaatan. Midhaan dhakaa gubbaatti jigi sun warra dubbii dhageennaan gammachuun fudhatee, ammoo hidda hinqamne fakkaatan. Bulttii diqqoofii dhugeeffatanii, ammoo yo ilaallachaan itti dhuftee lakkisan. Midhaan qoraattii keessatti jigi sun warra dubbii dhageennaan dhiphuu, horii fi gammada jireenna lafa tanaatin qancaree midhaan addaa hinbaamne fakkaatan. Midhaan biyyee dansaa keessatti jigi sun warra dubbii dhageennaan garaa dhugaatiifi dansaan qabatee obsee midhaan baasu fakkaatan. “Namii ibsee bobeesee okkotee jalatti dhossu yokaan siree jala kaa'u hinjiru. Isumaa akka namii olseenu ibsee arguu gubbaatti fannisuu male. Wantii dhossan ta hinmullanne hinjirtu; yokaan wantii tokkoolleen ka akkuma dhokateetti adoo diidaatti hinbaanee hafaa hinjirtu.” “Tanaaf waan dhageettan cufa keessa ufi eegadha! nama wa qabu hagasiillee irra itti idaaniif, ka homaa hinqamne ammoo diqqqoo innii qabeennaa herregateeyyuu irraa fuudhan” jedhe. Haadha Yesusitii fi obboleeyyan isaa isa barbaaduu dhufanii, ammoo marroo guddina gumiitiif isa biraan ba'uu dadhaban. Namii tokko itti himee, “Haadha tanteetii fi obboleeyyan tantee ala ejaajjanii, si arguu fedhan” jedhe. Innii ammoo warraa deebisee, “Haadha tiyyaa fi obboleeyyan tiyya nama dubbii Waaqaa dhaga'ee guutuu” jedhe. Gaafa tokkoo Yesus jara ufii waliin hoboloo seenee, “Gama galaanaa suniitti nu taakkisiisaa” warraan jedhe. Jennaan ka'aanii itti dhabatan. Adoo yaahanuu Yesus rafe. Bubbeen guddoon bubisaa dhuftee galaana dhooftee, hoboloon bisaaniin guutamuu geettee, lubbuun warratti dhufte. Gara Yesus dhaqanii dammassanii, “Aabboo, Aabboo, ka'i nu dhumuufii” jedhan. Jennaan innii ka'ee bubbee fi dha'aa galaanaallee, callisiisee, laftii qabbanoofte. Jennaan innii warraan, “dhugeeffachaan teessan meeti?” jedhe. Warrii sodaatee, mamee, “Kunin eennu, ka bubbee fi bisaalleen sarmaniif?” waliin jedhe. Jennaan lafa Gergesaa ta moggaa galaanaa lafa Galiilaa ga'an. Yesus lafa godduu geennaan, namii dira sunii tokko, ka jinnii qabuu, isaatti dhufe. Innii haga wayaa uyyifachuu dhiisee la ture; manaalleetti hingalu, awwaala keessatti gala male. Yesus arginaan itti lallabee miilaa jigee qoonqoo guddoon iyyee, “Yesus ilma Waaqaa Guddaa atin maal narraa qabda? Anin si kadhadhaa, na hingaargalchin” jedhe. Wantii innii akkana jedheef waan Yesus jinniin, “Namicha keessaa ba'i” jedheef. Jinniin marroo hedduu yo isa qabdu; adoo harkaa miila haada sibiilatin hidhanillee innii haada sibiila ciree, jinniin alootti isa baachi. Yesus, “Maqaan kankee eennu?” jedhee gaafannaan, innii waan jinniin hedduun isa duuddeef, “Maqaan kiyya ‘Legewoon’ ” jedhee deebiseef. Jennaan jinniin akka innii qilee keessa warra hinbuumnee isa kadhatte. Booyyee hedduutti laagaa gaaraa dheeduu jiraa jennaan, jinniin akka booyyee duuddu Yesus kadhattee innii, ee'ee jennaaniin, jinniin namicha sun keessaa yaatee booyyee duuddee, booyyeen cuftii balee irraa gad oriitee galaana keessa duuddee, galanii liliqimse. Tissituun booyyee waan ta'ee arginaan oriitee diraa fi reeraatti odeesite. Jennaan beennii waan ta'ee argu dhaqee, Yesusiitti dhufee, nama kaan ka jinniin keessaa yaatee qalbiin itti deebitee wayaa uyyifatee fulaa miila Yesus taa'u arganii jennaan, guddoo sodaatan. Jarii arge kaan akka namicha jinnii qabu kaan fayyisan biyyatti odeese. Jennaan namii reera lafa Gergesaa keessa jiru cuftii marroo akka takkaa hinargin sodaateef akka Yesus isaan biraa deemuu kadhate. Jennaan Yesus hoboloo keessa seenee itti dhabate. Namichii jinniin keessaa yaate kaan, “Si gula deema” jedhee isa kadhate; innii ammoo ufi jalaa deebisee, “Warra kankeetti galii, waan guddoo Waaqii sii tolche namaatti himi!” jedheen. Jennaan namichii jalaa deebi'ee dira cufa keessa dedeemee waan Yesus isaa tolche hime. Yesus moggaa galanaatti deebinaan, gumiin waan qaraa isa eeguu jirtuuf isa arginaan gammadde. Jennaan namichii yatiros jedhan tokko guddaan ka Mana Waldeenaa dhufee, miila Yesusiitti jigee, “Mana kiyya kootti” jedheen. Wantii innii Yesus yaameef intala takkattii innii qabu ta ganna kudhanii lamaatti diqquma hindu'in. Adoo Yesus deemuu, gumiin gama cufaa itti baafatte. Niitii ganna kudhanii lamaa cufa dhiigii keessaa yaa'ee cituu didee, horii ufii ka qabdu cufa cirreeyyiitti hobbaaftee, ammoo fayyuu dadhabde takkatti ach jira. Isiin Yesus gula dhuftee handaara wayaa isaa tuxxee; achumaan dhiigii isii cite. Jennaan Yesus, “Eentu na tuqe?” jedhee gaafate. Namii cuftii mormatee jennaan Phexros, “Aabboo, gumiin si marsiteetti si dhidhiibuutti jirti” jedheen. Yesus ammoo, “Lakkii, namaatti na tuqee, anin jabeenna na keessaa ba'u ufirratti argee” jedhe. Niitiin taan akka hindahanne arginaan hollaachaa dhuftee miila Yesusiitti jiddee, waan isa tuxxeef gumii cufa duratti himattee, ammallee akka yoma sun fayyitte himte. Yesus isiin, “Intala tiyya, dhugeeffachan tantee ya si fayyiftee, beenii, nagaan gali” jedheen. Adoo Yesus haasa'uu jiruu namii tokko gara mana yayiroosii ka guddaa mana waldeennaatii dhufee, yayiroosiin, “Intalti tantee yaayyuu dootee, lakkii, Aabboo hingaargalchiin!” jedhe. Yesus ammoo dhageennaan Yayirosiin, “Hinsodaatin, dhugeeffachuma dhugeeffadhuu, isiin infayyitii” jedhe. Mana geennaan Phexrosii, Yaaqoobii, Yoh. aannisii, abbaa fi haadha intala malee nama cufa seenuu dhowwe. Namii cuftii laaleffatee boo'ee jennaan, Yesus, “Hinboo'iinaa, isiin hindoonee inrafti malee” jedhe. Warrii ammoo waan akka isiin doote beekuuf guddoo isaatti koble. Innii ammoo harka isii qabee qoonqoo olfudhatee, “Intala, ka'ii!” jedhe. Yoosuma lubbuun itti deebitee, isiin kaatee jennaan Yesus, “Sagalee kennaaf” warraan jedhe. Abbaa fi haatii guddoo mamanii, Yesus ammoo, akka warrii waan kana namaatti hinhimne itti seere. Duuba Yesus jara ufii kudhanii lamaan kaan walti yaamee, jabeenna, humna jinniin baasanii fi ta dhukkubaan fayyisaniillee kenneef. Ammallee akka Mootummaa Waaqaa himaanii fayyidhaballee fayyisan warra erge. Innii warraan, “Wareega karaa, uleellee, subbaallee, qixxaallee, horiillee, hubbaaraa lamaallee hinfudhatinaa! Mana olduuddan cufaa haga kaatanii yaataniitti achuma tataa'aa! Dira warra isan hinkeessummeesinee keessaa ba'a; yo keessaa baatan ammoo, akka akeeka warraa taatu awwaaraa miila keessan irraa dhadha'adhaa!” jedhe. Warrii ka'ee ollaa cufa keessa yayaa'ee oduu dansaa Mootummaa Waaqaa himee, fulaa cufaatti nama dhukkubeellee fayyise. Hayyuun biyya Galiilaa ka Herodis jedhan waan Yesus hojjate cufa dhageennaan guddoo dhindhinse, waan namii garii, “Yoh. aannis yaayyuu du'aa ka'e” jedhee, namii garii ammoo Eliyaas ya mullate jedhee, ka garii ammoo, raagota durii keessaa tokko yaayyuu ka'e jedhe. Herodis ammoo, “Anin Yoh. aannis yaayyuu mataa irraa kutee, isii namii anin akkana waan isaa dhaga'u kun eennu?” jedhee gaafatee, duuba Yesus argu fedhe. Ergamtootii gallaan waan tolchite cufa Yesusiitti himte. Jennaan innii warra kophaatti yaamee, gara dira Betsayidaa geese. Gumiin waan kaan dhageennaan isa gula yaatee, innii warraan, “Garana gad hiiqaa” jedhee, waan Mootummaa Waaqaa warratti himee, nama fayyaa dhabe ka fayyuu maleellee fayyise. Laftii galgaloomnaan jarii kudhanii lamaan kaan dhufee, “fulaan nu jiruu tun aloo, gumii galchi; akka ollaa fi reera keessa yaatee fulaa bultiitii fi sagalee barbaadattu” jedhe. Innii ammoo warraan, “Isanuu waan warrii nyaatu kennaaf” jedhe. Warrii ammoo deebisee, “Yo dhandhee gumii tana cufaa waan warrii nyaatu binne malee, nu qixxaa shanii fi qurxummii lama malee homaa hinqamnu” jedhe. (Namii dhiiraa callan ka ach jiruu, haga kuma shanii inga'a) Yesus ammoo jara ufitiin, “Shantama shantamaan teteessisaa!” jedhe. Jarii akkuma innii jedhe tolchee, nama cufa teteessise. Yesus qixxaa shanaanii fi qurxummii lamaan taan fuudhee, gara Waaqaa olmillatee eebbisee, cacabsee akka gumiin gololchan jara ufiitti kenne. Namii cuftii nyaatee quufee, jarii isaa hambaa walti guuree gundoo kudhanii lamaa guute. Gaafa tokkoo adoo Yesus kophaatti Waaqaa kadhatuu, jarii isaa gara isaa dhufee innii, “Biyyitii tun eennu naan jetti?” jedhee gaafate. Warrii itti himee, “Namii garii Yoh. aannisii nama cuuphu jedha; ka garii ammoo, Eliyaas jedha; ka gariilleen, raaga durii tokkootti du'aa ka'e jedha” jedhe. Innii ammoo warraan, “Isan hoo, eennu naan jettan?” jedhee gaafatee, Phexros, “Atin Kiristoo Waaqaa” jedhe. Jennaan innii warratti seeree, “Nama tokkoolleetti dubbii tana inhiminaa” jedhe. Ammallee, “Ilmii namaa akka hedduu gaargaluu male, jaarroleen, qaallolee gugurdoof jarii seera beekuulleen isa mormatee, isa ijjeessanii, ammoo guyyaa sadeessoo ka'uu malee” jedhe. Jennaan innii warra cufaan, “Namuuyyuu yo na gula dhufuu fedhee ha ufi mormatee yo cufa fannoo ufii baatee na gula deemuu. Namii jireenna ufii baasuu fedhuu indhaba; namii ammoo naa jedhee jireenna ufii balleessuu inargata. Namii waan lafa tanaa cufa argatee ammoo mataa ufii yo balleesse, ufumaa baduu malee bu'aan isaa maal? Namii tokkkoolleen yo naa fi dubbii tiyyaatti ceeree, ilmii namaalleen, gaafa guddinna ufiitiin, ka Abbaa isaatii fi ka ergamtoota qulqullootiin dhufu, nama sun indida. Dhugumaan isanitti himaa, jarii arma ejjaaju ka garii, haga Mootummaa Waaqaa ila ufitiin arguutti hinduu” jedhe. Yesus eegii tana dubbatee, haga guyyaa saddeettii teennaan, Phexrosii, Yoh. annnisii fi Yaaqoob yaamee akka Waaqaa kadhatan gaara waliin koran. Adoo innii Waaqaa kadhatuu, biftii isaa jijiramtee wayaan isaa addaattee bibillixxe. Yoosuma namii lama achitti mullatee isa waliin haasa'e. Warrii sun Musee fi Eliyaas. Warrii guddinnaan mullatee waan innii Yerusaalem keessatti du'an guutuu male, waliin dubbate. Yoos Phexrosii fi jarii isa waliin jiru kaan guddoo mugan; dammandhaan ammoo guddinna Yesusitii fi nama lama ka isa waliin ejaajju argan. Adoo Musee fi Eliyaas isa biraa yaa'uu jirtuu Phexros Yesusiin, “Aabboo, arma jiraachuun keenna akkam dansaa, koottaa bulttoo sadii midhasiinaa; tokko teeti, tokko ta Museeti, tokkkoolleen ta Eliyaasiiti” jedhe. Innii ammoo waan dubbachuu jiru sun hinbeeku. Adoo innii akkas jechuu jiruu duumansii dhufee warratti gaadiseessee, warrii duumansa duunnaan sodaate. Qoonqoon duumansa keessaa baatee, “Kunin ilma kiyya, ka anin foohadhee, isa caqasaa!” jette. Eegii qoonqoon dabarte Yesus kophaatti hafe. Warrii yo sun waan arge sun nama tokkoolleetti hinhimnee incallise. Boriyyaa gaara irraa buunaan gumiin guddoon Yesusiin wali argite. Namii tokko gumii keessaa itti lallabee, “Aabboo si kadhadhaa koottii ilma kiyya tokkocha anin qabu naa laal. Innii yo jinniin irra galtu iniyya; hoomachatti afaanii yaa'a, inhargufama, ammallee lafaan ufii dhaaneetti dhidhiitata, duuba, jinniin haga isa gaargalchituutti yoosuu hinlakkiftu, akka keessaa baasan jara kankee kadhadhee, warrii ammoo keessaa baasuu dadhabe” jedhe. Jennaan Yesus, “Ee'ee dhaloota mataa jajabaa, ka homaa hindhugeeffanne, anin haga yoom isan waliin taa'ee obsuu male? Ilma kankee armaan kootti” jedhe. Adoo innii gara Yesus dhufuu jiruu jinniin lafaan dhooftee dhidhiitachiichee, Yesus ammoo jinnii hamtuu sun dhowwee, gurbaa fayyisee abbaa isaatti deebise. Duuba akkasiin namii cuftii humna Waaqaa argee maadeffate. Adoo namii cuftii waan innii tolche maadeffachuu jiruu, Yesus jara isaatiin, “Dubbiin tun gurra keessan keessa ha seentuu! Ilma namaa harka namaatti kennan” jedhe. Waan akka warraa hingalle duraa dhossaaniif, warrii ammoo dubbii tana hinhubanne, warriilleen waan dubbii sunii Yesus gaafachuu sodaate. Jennaan warrii, “Nuu kana keessaa eennuutti guddaa?” jedhee walmorme. Yesus ammoo herrega garaa warraa arginaan daa'ima tokko fuudhee ufi bira teessisee, warraan, “Namii daa'ima kana maqaa kiyyaan jabeessu ya nallee jabeesse; namii na jabeessu cuftii ka na erge jabeessa; nama isan keessaa cufa irra diqqaatti isanii cufa irra guddaa” jedhe. Yoh. aannis, “Aabboo, nama tokko adoo innii jinnii maqaa keetiin baasuu arginnee, waan innii nama keenna hinta'iiniif, dhowwinne” jedhe. Yesus ammoo, “Hindhowwinaa! Namii isaniin hinmorkine golii teessanii” warraan jedhe. Guyyaan innii gubbaatti olgalu dhi'ananaan Yerusaalem dhaquuf muraatee ka'e. Nama deemee ollaa Samaariya tokko seenee fulaa isaa qopheessu ufi dura erge. Biyyitii ollaa sun ammoo isa didde; waan innii Yerusaalem deemuuf muraatee ka'eef. Jarii isaa Yaaqoobii fi Yoh. aannis waan kana arginaan, “Aabboo, akka nu ibidda gad yaamnee warra kana cufaa balleessinu feetaa?” jedheen. Yesus ammoo, garagalee warra gorsee, ollaa dhibiitti dabran. Adoo karaa yaa'anuu, namichii tokko Yesusiin, “fulaa atin deemtu cufa si gula deema” jedhe. Yesus ammoo, “Geedaltii boollaa qabdi, simphirreen gubbaalleen mana qabdi, ilmii namaa ammoo fulaa mataa ufii keeyatuu hinqabu” jedhee deebiseef. Nama dhiibiin ammoo, “Na gula kootti” jedhe; innii ammoo, “Aabboo, eegi, qara dhaqee abbaa kiyya awwaalaa” jedhe. Yesu ammoo deebisee, “Reeffii ha reeffa ufii awwaalatuu, atin ammoo deemii Mootummaa Waaqaa hime” jedheen. Namii tokko dhibiilleen, “Aabboo, anin si gula deemaa; ammoo eegi, qara dhaqeetti warra kiyyaatti nagaa dhamadhaa” jedhe. Yesus isaan, “Namii harka ufii gindaa irra ka'ee ufi duuba millataa hin qotu; namii akkasii tokkoolleen Mootummaa Waaqaatii hinmalle” jedhe. Eegii waan kanaa Aabboon nama torbaatamii lamaa dhibii foohatee, gara diraa fi lafa dhaquu fedhuu cufa lama lamaan ufi dura erge. Innii warraan, “Midhaan muran guddoo, namii muruu ammoo diqqaa; tanaaf akka nama midhaan muruu oobruutti erguu, abbaa midhaanii kadhadhaa. Amma beenaa, karaa qabadhaa, anin akka ilmoolee hooliyyee yayii keessa isan ergaa. Kareerisa hinfudhatinaa, subba yokaan kopheellee, nama karaatti argitan nagaa hinfuudhinaa. Mana seentan cufaan qaraa, ‘Waaqii nagaa isanii kenninnaa’ jedhaa. Yo namii nagaa fedhu ach jiraatee, nageennii keessan isa waliin taa'a; ammoo yo hinjirree isanitti deebi'a. Manuma sun keessa tataa'aa, waan isanitti kennan cufa nyaadha-dhugaa, wantii akkanatiif namii wa hojjatuu wa argachuu male. Mana dhibii hinduudinaa. Dira duuddan cufa yo isan yaaman, waan isanii kennan cufa sooradha; nama ach keessaa ka fayya hinta'in, fayyisaa, ‘Mootummaa Waaqaa la isanitti dhi'aatte’ jedhan. Dira keessumooma irraa hinargatin cufa ammoo, karaa isaa gula yaa'aa, ‘Awwaara dira keessan keessaa ta faana teennatti qabatteellee nu ufi irraa haxoomna, ammoo akka Mootummaan Waaqaa dhi'aatte beekaa’ jedhan. Anin isanitti himaa, guyyaa muummee lafaa, dirii Sodoma dira sun irra gooma” jedheen. Yesus itti dabree “Gaargala kankee dira Koraaziin! Gaargala kankee dira Betsayidaa! adoo silaa hujii gugurdoo isan keessatti tolchan sun Xiiroosii fi Sidoon keessatti tolchanii, warrii ardhaa kalee cubbuu irraa deebi'ee bututtuu naqatee daaraa keessa hintataa'in. Ammoo gaafa qorsumaa Waaqii fulaa isaanii na'uu, dira Xiroostii fi ka Sidoonitii na'a. Dira Qifirnaahom, ati Waaqaa gubbaatti ufi olfuudhuu feetaa? Ammoo qilee si buusan!” jedhe. Jara isaatiin ammoo, “Nama isan dhaga'uutti nallee dhagaa, ka isan diduutti nallee didaa; ammallee ka na diduu nama na erge didaa” jedhe. Jarii torbaatamii lamaa kaan gammadaan dacha'ee, “Aabboo, jinniilleen maqaa keetiin nuu sarmiti” jedhe Yesus ammoo deebisee, “Anin Sheexana akka hangaasuu gubbaa gad bu'uu arge. Caqasaa! Wantii tokkoolleen isan hintuxxu anin akka isan bofaa fi qaanjibbuu irra ejjattan, ammallee irree nyaapha cufa irra ejaajjattaniin yaayyu isanii kenne. Waan jinniin isanii sarmituuf hingammadinaa, ammoo marroo maqaa keessan gubbaatti barreessaniif gammada” jedhe. Yoma sun innii gammada Hafuura Qulqullootiin, “Aabboo, Abbaa lafaa fi gubbaa, waan atin waan kana warra qaroo fi warra wa beeku dhossitee ijoollee didiqqoo garsiifteef galata sii galcha. Ee'ee Aabboo, wantii akkana kun gammada kankeeti” jedhe. “Abbaan kiyya yaayyu waan cufa natti kenne; Abbaa malee namii tokkooleen ka ilma beeku hinjiru, ammallee ilmaa fi nama ilmii garsiisuu fedhu malee namii Abbaa beeku hinjiru” jedhe. Jennaan Yesus jara ufiitti garagalee dhossaan, “Iltii waan isan argitan agartuu ta badhate, wantii akkanatiif anin isanitti hima, raagotaa fi hayyootii hedduun waan isan argitan kana arguu feetee ammoo dadhabde, ammallee waan isan dhageettan kana dhaga'uu feetee ammoo dhaga'uu dadhabde” jedhe. Jennaan namiichii seera beeku tokko, olka'ee Yesus laallachuuf, “Aabboo, akka jireenna barbaraa argadhu maal tolchuu male?” jedhee gaafate. Yesus ammoo deebisee, “Seera keessatti maal barreessan? Akkamiin dubbicha?” jedhee isuma gaafate. Namichii itti himee, “Aabboo Waaqaa kankee garaa kankee cufaan, lubbuu tantee cufaan, jabeenna kankee cufaan, qalbii tantee cufaan jaaladhu; ammallee ollaa kankee akka ufi jaalattu jaaladhu” jedhe. Jennaan Yesus, “Akka dansaa deebifte, akkana tolchi, duuba lubbuun injiraattaa” jedheen. Namichii seeraa ammoo nama qulqulloo ufi tolchuu fedhee, “Ollaan kiyya eennufaa?” Yesusiin jedhe. Yesus deebiseefii, “Namii tokko Yerusaalemii ba'ee adoo gara Yerikoo deemuu; karaatti harka saamtuu seenee, wayaa isa irra baafatanii, mataa dhoosanii, isa cichuu ga'ee lakkisanii biraa yaa'an. Akkuma tasaa qaallichii tokko karaa sun ba'ee, isa arginaan irraa goree bira ba'ee dabre. Akkasuma namichii gosa Lewwii tokkoolleen fulaa sun dhufee isa arginaan, irraa goree bira ba'ee dabre. Namichii lafa Samaariya tokko ammoo, adoo karaa deemuu isaan ba'ee, isa argee jennaan na'eefii, isaatti dhi'aatee, madaa isaa dhadhaa fi qorsa dibee hidheefii, gaangee ufii gubbaa kaa'ee, mana keessumatin dhufee achtti isa qarqaare. Boriyya qarshii lama (haga beessee didaamaa) baasee abbaa manaatti kennee, ‘Isa qorqoraadhu, waan ati itti dartee baafte cufaa, anin yo deebi'ee isii baasaa’ ” jedhe. Yesus itti dabree, “Warra sadeen kana keessaa eennuutti namicha harka saamtuu seene sunii ollaa seeta?” jedhee gaafate. Namichii seeraa beeku sun deebiseefii, “Namicha na'eef sun se'a” jedhe. Jennaan Yesus, “Atinilleen beenii, akkas tolchi” jedheen. Yesus adoo jara isaa waliin deemuu, ollaa tokko seenee, niitiin tokko ta Maartaa jedhan mana ufiitti isa yaamte. Isiin obbooleettii Maariyaam jedhan tokko qabdi; Maariyaam miila Yesus jala teettee dubbii isaa caqafte. Maartaan ammoo guddoo waan gololaa ka qopheesituun gaargaltee jennaan, gara isaa dhuftee, “Aabboo, akka obbooleettiin tiyya waan gololaa cufa natti lakkifte hingartuu? ‘Deemii isii qarqaar’ jedhiin” jette. Aabboon ammoo deebiseefii, “Maartaa, Maartaa, atin waan hedduun ufi gaargalchitaa, wantii fedhan ammoo tokko callaa. Maariyaam yaayyuu waan irra dansaa foohattee, isii irraa infuudhan” jedhe. Gaafa tokkoo adoo Yesus fulaa tokkotti Waaqaa kadhachuu jiruu, eegii innii irraa ba'ee, jara isaa keessaa tokko, “Aabboo, akkuma Yoh. aannis jara ufii barsiisee, akka Waaqaa kadhatan nu barsiis” jedheen. Jennaan Yesus, “Yo kadhattan akkana kadhadhaa! Aabboo maqaa kankee qulqulloo ha guddisanii; Mootummaan tantee ha dhuftuu; liqimsaa teenna ta guyyaa cufaa nuu kenni! cubbuu teenna nuu araaram; akkuma nulleen nama nutti cubbamee araaramnu. Ilaallacha nutiin hindhufiin jedha!” jedheen. Jennaan Yesus jara ufiitiin, “Fakkeennaa, isan keessaa namii tokko jaala qaba; duuba yo jaalii isaa sun halkan guddoo mana isaa dhaqee, ‘Jaal qixxaa sadii naa kenni. Jaala kiyya tokkootti ka karaa deemuu ammumaan tanaa na goree waan itti kennuu dhabee’ jedhe. Ammallee yo namichii mana keessa jiru kaan, ‘Abboo, na hingaargalchin balbala yaayyuu cufanii, ijoolleen tiyyaalleen na waliin siree irra rafuu jirtii, anin ka'ee homaa sitti kennuu hindanda'u’ isaan jedhe. Anin isanitti himaa, innii adoo ka'ee, marroo namii kaan jaala isaa ta'eef wa isaa kennuu baateellee, marroo innii lakkisuu didee ila gogee kadhateef, ka'eetti waan innii fedhuu cufa isaa kenna. Tanaaf waan anin isanitti himuu, kadhadhaa inargattanii; barbaadaa inargitanii; balbala dhadha'aa isanii bananii. Wantii akkanatiif namii wa kadhatu cuftii inargata, namii wa barbaadu, inarga; nama balbala dhaadha'uullee duraa banan. Isan keessaa abbaa kamiitti, yo ilmii isaa qurxummii kadhate fulaa qurxummii, bofa itti kenna? Yokaan yo innii okokkaan kadhate qaanjibbuu kennaaf? Yoos, yo isanuu namii hamamaan, waan dansaa ilmaan teessanii kennuu beettanii, abbaan keessan ka gubbaa ammoo, marroo hagam jara isa kadhatuu hagas irra Hafuura Qulqulloo kenna!” jedhe. Gaafa tokkoo adoo Yesus taa'ee jinnii duudaa baasuu jiruu, jinniin baanaan namichii duudaan kaan dubbatee, gumiilleen guddoo mamte. Namii garii ammoo, “Innii jabeenna Bi'el zebulii, guddaa jinniitiin jinnii baasa” jedhe. Namii gariilleen, isa laallachuuf akkeeka gubbaa isa gaafate. Yesus ammoo herrega warraa beennaan, “Laftii gargarii baate cuftii inbaddi; warrii mana tokkoolleen yo wal dhabee gargarii ba'ee manii sun injiga. Guddinnii Sheexanaa, yo innii gargarii ba'ee, akkamiin ejjata? Isan, ‘Atin jinnii jabeenna Bi'el Zebulitiin baafta’ naan jettan. Yo dhuguma anin jinnii jabeenna Bi'el Zebulitiin baasee, ilmaan teessan jabeenna eennuutiin baafti ree? Tanaaf ilmaanuma teessaniitti akka isan wallaala tolchitan nama garsiisa! Ammoo, yo anin irree Waaqaatin jinnii baasee, dhugumaa Mootummaan Waaqaa ya isanitti dhi'atte. Namii jabaan, yo waraanaa wantee qabu cufaan mana ufii eegatee, horiin isaa nagaan taa'a. Namii isa irra jabaa ammoo yo dhufee isa dabsatee, waraanaa wantee innii dhaabbatu taan isa irraa booji'ee horii isaa cufaa fudhaata. Nama dhiibii qooda. Namii golii tiyya hinta'in nyaapha kiyya; namii na qarqaaree na waliin tokkumaa hinqamnee inbittinnaa” jedhe. “Jinniin hamtuun yo nama keessaa baatu, lafa godduu dhaxxeetti fulaa itti foorfattuu barbaaddee, yo dhabduu, ‘Mana kiyya ka ba'eefiitti deebi'a’ jetti. Yo deebitee dhuftuu mana haraamee qulquulaa'e argatti. Achiin duuba deemteetti, jinnii torba dhibii ta isii irra hamtuu fuutee, waliin mana duudanii keessa qubatan. Jireennii namicha kaanii ka ammaa ka duriillee irra hamaata” jedhe. Adoo Yesus dubbii taan dubbachuu jiruu, niitiin tokko gumii keessaa itti lallabdee, “Garaa si dhalee fi harmii ati hoote ka eebbifame!” jette. Yesus ammoo deebiseefii, “Namii dubbii Waaqaa dhaga'ee guutuu, ha guddoo eebba argatuu!” jedhe. Gumiin itti daramnaan, innii, “Dhalootii kun dhaloota hamaa! Akeeka barbaada, akeeka Yoonaasii malee ammoo, ka dhibii itti hinkennan. Akkuma Yoonaas jara Nanawweetii akeeka ta'ee, akkasuma ilmii namaalleen dhaloota kanaa akeeka ta'a. Guyyaa muraa qaallittiin lafa bitaatii kaateetti dhaloota kana himatti, wantii akkanatiif isiin akka qarooma Solomon dhageettu lafa muummeetii dhufte; ammoo hubadhaa, nama Solomoon irra jiruutti arma jiraa. Guyyaa qorsummaa jarii Nanawwee ka'eetti isan himata, maaliif warrii dubbii Yoonas dhageennaan cubbuu irraa deebi'e; ammoo hubadhaa, nama Yoonas irra jiruutti arma jiraa” isaaniin jedhe. “Namii ibsee bobeessee dhossuu yokaan okkotee jala kaa'u hinjiru, ammoo, akka namii mana seenu cuftii ibsee argu gubbaa kaa'a. Ibseen nafaa ila; yo iltii tantee fayya taate, nafii kankee cuftii ibsee qaba; yo ammoo isiin fayya hinta'in nafii kankee cuftii hindukkanaa'a. Tanaaf akka ibseen si keessa jirtu dukkana hintaane eegadhu! Duuba yo nafii kankee cuftii ibsee qabaatee, fulaan diqqoo dukkanooftuulleen hinjiree, akka waan ibseen guddoon sitti ibsituu naafii kankee cuftii ibsee ta'a” jedhe. Yesus dubbii afaanii buufannaan namichii Fariisichii tokko sagaleetti isa yaame; jennaan innii mana olseenee nyaataa taa'e. Namichii Fariisichii kaan akka Yesus sagalee duratti qaraa harka hindhiqatin argee jennaan mame. Jennaan Aabboon, “Isan Fariisotii muduunuu fi qorii duuba callaa dhixxan, garaa keessan keessa ammoo sabdoomaa fi hammeennaan guutamtan. Isan dadaallee, Waaquma ala midhaseetti garaa keessaallee midhaseeniitii? Ammoo waan muduunuu fi qorii keessa jiraa hiyyeeyii qoodaa, duuba wantii cuftii qulqulloo isanii taatii. Gaargala keessan Fariisoota! Isan yo qooda kudhanneessoo ta gurbii urgootii fi waan dhibii sagaleen urgeesaniillee Waaqaa baaftanii, ammoo dhugaa fi Waaqaa lakkiftan, adoo taaniillee hindeenee waan kana tolchu maltan Gaargala keessan, Fariisota! Mana Waldeenaa keessatti barcumaa cufa irra dansaa feetan, ammallee gabaa keessatti akka nagaa isan fuudhan feetan. Gaargala keessan! Isan akkuma awwaala hinmullannee, ka namii adoo hinbeennee irra yaa'uu jirtan” jedheen. Namichii seera beeku tokko deebiseef, “Aabboo, ati yo akkana jettu nullee miidhuu jirta” jedheen. Yesus deebisee, “Gaargala keessan, isan jara seera beeku! Ulfinna guddaa nama baachiftan; ufii ammoo ulfinna sun quba tokkkoolleen hintuxxan. Gaargala keessan! Isan warra awwaala raagota abaabootii teessan fixxee jaartan. Abaabota teessan ta dhumate Duuba isaniilleen waan abaabootii teessan taate dhugeeffatan; warrii raagota fixee, isan ammoo awwaala jaartaniif. Tanaaf Waaqiilleen qalbii isaatin dubbatee, ‘Anin raagotaa fi ergamtoota warratti erga; akka warra ergan keessaa nama garii ijjeesanii, ka garii gaargalchan’ jedhe. Tanaaf dhiiga raagota, haga laftii uumamtee ijjeesanii, cufaa dhaloota kana irraa barbaadan. Haga dhiiga Abeelitii, jalqabee haga dhiiga Zakaariyas, ka fulaa sooriyoo itti qalanii fi balbala mana qulqulloo jidduutti ijjeesaniitii, ee'ee anin isanitti himaa, dhiiga cufaa dhaloota kana irraa barbaadan?” “Gaargala keessan, jara seera beeku! Furaa balbala beekumsaa namaa duraa fuutanii; ufii seenuu diddanii, nama seenuu fedhuullee dhoortan” jedhe. Innii achii deemnaan, jara seera beekuu fi Fariisotii guddoo isa gooyyessanii waan hedduu isa gaafatan; akka eeganii dubbii afaan isaatin isa qaban. Gumiin kuma hedduu walti baatee guddinna jabeenna wal irra ejaajjattee jennaan, Yesus qaraa fiixee jara ufitiin, “Bukoo Fariisotaa irraa ufii eegadhaa! Akkas jechuun kiyya, Kijjiba warraa irraa fagaadhaa! jechu. Wantii daboolan ta hinmullanne hinjirtu, yokaan wantii dhossan ta hinbeekamne hinjirtu. Tanaaf dubbii isan dukkana keessatti jettan cufaa ibsee keessatti dhaga'an; ammallee dubbii isan dinqaatti gurraatti walii himtan fiixee manaa gubbaatti lallaban” jedhe. “Jaallan tiyya anin isanitti himaa, nama nafa ijjeessu ka ammoo eegii sunii waan dhibii tolchuu hindandeennee hinsodaatinaa! Ka sodaachuu malan ammoo anin isanitti himaa, ka eegii nafa ijjeesse, jabeenna ibidda haga jiruu jireennaa hindhamnee keessaan buusu qabuu sodaadhaa! Ee, wantii anin isaniin jedhu, sunumaa sodaadhaa! Simphirree shan beesee lamaatti gurguraniiyyuu? Waaqaa duratti ammoo, isaan keessaa tokkoollee hindedhan. Sun lakkisaa, rifeensa mataa keessaniillee cufa yaayyuu hedan. Hinsodaatinaa! Gatiin teessan ta simphirree irra jirtii” jedheen. “Anin isanitti himaa, nama nama duratti naa dhugeessu cufa Ilmii Namaa ergamtoota Waaqaa duratti indhugeesaaf. Ammoo nama nama duratti na mormatuu ergamtoota Waaqaa duratti inmormadha. Nama Ilma Namaa arabsu cufaa, inaraaramaniif, nama ammoo Hafuura Qulqulloo arabsuu inaraaraman.” “Yo mana waldeennaatti, yokaan jaarrolee fi nama gugurdaa dura isan geessan, waan deebfattanii fi waan dubbattan hin yaadinaa! Hafuurii Qulqulloon yoma sun waan isan jechuu maltan isan barsiisaa” jedhe. Namii tokko gumii keessaa, “Barsiisaa, akka obboleessii kiyya, dhaala abbaan keenna nuu lakkisee du'e naa qoodu itti naa himi!” jedheen. Yesus ammoo deebisee, “Eentu qortuu yokaan qoodduu horii keessanii na tolche?” jedhe. Jennaan biyya cufaan, “Me hubadhaa, dharraa cufaa eegadhaa! Jireennii namaa qabeenna isaa guddaa keessa hinjiru” jedhe. Jennaan mammaassa kana warratti himee, “Oobruun nama dureessa tokkoo guddoo midhaan baafte. Innii dhindhinsee garaa ufii keessatti, ‘Anin fulaa midhaan kiyya itti galfadhu hinqabuu maal ta'a?’ jedhee ufi gaafate. ‘Anin akkana tolcha; kodhoo tiyya diigee, ballisee jaara, achitti midhaanii fi waan kiyya cufaa guura. Duuba anin ufiin, abboo, atin amma horii guddaa, ganna hedduu si ga'u, qabdaa, taa'ii, nyaadhuu, dhugii, gammadiillee!’ jedha. Waaqii ammoo isaan, ‘Atin daallee, halkan kana lubbuu tantee fedhanii, horiin atin olkeette sun ka eennuu ta'a duuba?’ jedhe. Namii horii lafa keeyyatee, ammoo gara Waaqaatii durummaa hinqamne akkasuma ta'a” jedhe. Jennaan Yesus jara ufiitiin, “Sagalee, jireenna, nafa keessan yokaan waan wayaa uyyifatanii hin yaadinaa! Jireennii sagalee irra jira, nafiilleen wayaa irra jira. Me harraanqeessa laalaa; midhaan oobree hinmuru, kodhoo midhaan itti guuratu hinqabu; ammoo Waaqii isa soora. Isan ammoo guddoo simphirree irra jirtan! Isan keessaa eentu, adoo haguma fedhu yaadee, danda'ee lubbuu ufii dheeressa? Yo waan diqqqoo sun hindandeennee, maaf waan dhibii gaargaltan ree? Akka daraaraan ba'u laalaa; innii hinhojjatu yokaan wayaa hinhodhatu; ammoo waan anin isanitti himuu, Solomooniilleen guddinna ufii cufa keessatti akka daraaraa kanaa takka wayaa hinuyyifanne. Ammoo Waaqii yo buuyyoo diidaa ta ardha jirtu ta ammoo bor ibiddaan gubaan akkana uyyisee, hagas irra isan hinuyyisuu? Dhugumaa, dhugeeffachan teessan waan diqqoo. Tanaaf waan nyaattanii, dhuddan yaaddanii hinmudamiinaa! Wantii akkanatiif namii Waaqaa hinbeenne cuftii waan akkana kana barbaada. Abbaan keessan akka isan waan akkasii feetan inbeeka. Isan ammoo qaraa Mootummaa isaa barbaadaa, duuba wantii kun cuftii teessan taatii” jedhe. Yesus itti dabaree, “Hinsodaatinaa! Gumii diqqoo, abbaan keessan Mootummaa isaa isanii kennuu fedhaa. Waan qabdan gurguraa, eebbaan wa namaa kennaa. Subba hindulloommanne midhaafadhaa, horii gubbaa jiru ka hinhobbaamne, fulaa hattuun itti hindhi'aanne yokaan fulaa dholdholeen hinballeesineef olkeeyadhaa! Wantii akkanatiif fulaa horiin keessan jiruu garaan keessaniileen jira” jedhe. “Mar. xoo teessan marxifadhaa, ibsee teessan bobeeffadhaa! Akka hojjattoota abbaa isaanii ka fuudha galuu warratti eedduu, ta yo innii galee balbala dhadha'u hurrichee bantuufii ta'aa! Hojjattootii abbaan isaanii yo gale warra kurfoo jiru argu ta badhate! Dhugumaan, isanitti himaa, innii dhufeetti marxifatee warra teteessisee, irra ejjee isaan gololcha. Yo innii halkan dhufee yokaan ganama dhufee, akkasiittii warra argee, warrii sun ka badhadhe. Ammallee waan kana beekaa! Abbaan manaa adoo silaa yo hattuun dhuftu beekee, akka mana isaa namii hincabsine ineegata. Isaniilleen akkasuma kurfoo taa'aa; wantii akkanatiif ilmii namaa, adoo isan hinbeennee dhufaa!” jedhe. Phexros, “Aabboo, atin mammaassa kana nu callatti himte moo nama cufaa?” jedhee gaafate. Aabboon deebiseefii, “Gololchan qalbii qabu ka abbaa ufii guutee abbaan isaa waan cufaa harka isaatti kennee hojjattoota dhibii gololchi jedhuun eennu ree? Hojjataan abbaan, isaa yo gale, isa akkas hojjatu arguu ka badhadhe. Dhugumaan, isanitti himaa, innii guddaa horii ufii cufa namicha sun tolcha. Yo ammoo hojjataan sun, ‘Abbaan kiyya yaayyuu ture’ jedhee, hojjataa dhibii ka dhiiraatii fi ta uwwaallee dhaanichaa itti ka'ee, nyaatee, dhugee, macha'ee, abbaan hojjataa sun guyyaa innii hinse'annee fi yo innii hinbeene dhufee mataa isaa tatarsaasee, akka jara dhugeeffachaa hinqamnee tolcha. Hojjataan fedhii abbaa ufii beekee ammoo waan abbaan isaa irraa fedhu hinqopheesin yokaan hinguutin dhaanicha guddaa dhaanama. Hojjataan waan irraa eegan hinbeenne ammoo, yo waan isa dhaansisaallee hojjatee dhaanicha diqqaa dhaanama. Nama waan guddoo itti kennan waan guddoo irraa fedhan; ka waan guddoo harka isaatti kennan waan hagas irra guddoo irraa fedhan” jedhe. Yesus, “Anin ibidda lafaatti buusuu dhufe; ibiddii adoo qaraa duraanuu bobba'ee akkam dansaa! Anin cuuphama argachuu male qaba; haga argadhuutti akkamiin gaargala kana keessaa ba'a! Waan anin nagaa lafaan dhufe seetanii? Hiyyo, akkasiiniti, nama gargarii baasuu dhufe. Armaa achi mana tokko keessa namii shan gargarii ba'a, gama tokko namii lama gama kaan ammoo namii sadii. Abbaan ilma dida, ilmii abbaa dida, haatii intala diddi, intaltii haadha diddi, niitiin ilmaa haadha dhiirsaa diddi, haatii dhiirsaa niitii ilmaa diddi” jedhe. Ammallee Yesus gumiin, “Yo duumanssa ila galchuutti argitan, ‘Bokkeennii inrooba’ jettan, duuba bokkeennii inrooba. Ammallee yo bubbeen gama bitaa dhooftee, ‘Laftii guddoo oowwiti’ jettan, duuba akkasumaa inoowiti. Isan kiyyibdoolee! Waan lafaatii fi ka gubbaa himuu inbeettanii, ammoo akkamiin waan ammatanaa himuu dadhabdan ree?” jedhee. “Isan maaf waan dhugaa beeku dadhabdan? Yo nama si kajeelu waliin gara jaarsa qorsummaa yaatan, haga dandeettan karaa irratti waldhaqaa, akka innii jaarsa qorsummaa duratti si hirakimne yokaan akka guddaan qorsummaa harka guddaa warra waraanaatti si kennee guddaan warra waraanaa si hin hine. Anin sitti himaa, haga gatii tantee cufaa baaftuutti atin mana hidhaa keessaa hinbaatu” jedhe. Yoma sun jarii tokko gara Yesus dhufee, “Philaaxos yaayyuu warra Galiilaa ka sooriyoo qalatu tokko fixee, dhiiga warraatii fi ka sooriyoo walti make jedhan” jedhe. Yesus ammoo deebisee, “Waan warrii akkas gaargala argateef waan jarii Galiilaa sun nama Galiilaa cufa irra cubbame seetanii? Hiyyoo akkasiiniti, anin isanitti himaa, isaniilleen yo cubbuu irraa deebi'uu baattan akkasuma baddan. Yokaan warra kudhanii saddeetii kaan, ka manii Siilo'am irratti jigee fixe, waan warrii nama Yerusaalem keessa jiru cufaa irra cubbame seetanii? Hiyyoo akkasiiniti, anin isanitti himaa, isan cuftii yo cubbuu irraa deebi'uu baattan akkasuma baddan” jedhe. Jennaan Yesus mammaassa kana warratti himee, “Namii tokko muka odaa oobruu ufii keessatti oobree; dhufee midhaan irra barbaadee dhabe. Jennaan nama oobruu eeguun, ‘laal ganna sadii muka odaa kana irraa midhaan fedhadhee dhabee, muri! Maaf lafa dhowwata?’ jedheen. Innii ammoo deebiseefii, ‘Aabboo, mee haga anin qotee kossii jalatti naquutti ganna kanaallee lakkii! Duuba yo ganna dhufu midhaan baase dansaa; ammoo yo hinbaasin inmurtaa’ ” jedheen. Guyyaa Sanbataa Yesus mana waldeennaa tokko keessatti nama barsiisuu jira. Niitii tokkootti ta jinniin haga ganna kudhanii saddeetii fayya dhowarte achi jira? isiin gajjettee dandeettee akka dansaa olinqajeeltu. Yesus isii arginaan gara ufii yaamee, “Hatoo, atin fayyadhaba kankee ya fayyite!” jedheen. Harka isaa isii irra kaa'ee, isiin yoma sun olqajeeltee ejjitee Waaqaa faarsite. Guddaan mana waldeennaa ammoo, akka Yesus guyyaa Sanbataa nama fayyise arginaan dallanee gumiin, “Guyyaan hujii hojjatan ja'aatti jiraa, tanaaf guyyaa sun akka fayyitaan, koottaa malee, guyyaa Sanbataa hindhufiinaa!” jedhe. Jennaan Aabboon deebiseefii, “Isan kijibdoolee, isan cuftii guyyaa Sanbataa loonii fi harree teessan bobbaaftanii obaa hindhooftanii? Jaartiin dubra Abrahaam, tunin ta sheexanii ganna kudhanii saddeetii hidhe, guyyaa Sanbataa hidhansa kana keessaa ba'uu hinmallee?” jedhe. Innii akkas jennaan nyaaphii isaa cuftii ceeree, gumiin cuftii waan mamaa ka innii tolcheetti gammadde. Jennaan Yesus, “Mootummaan Waaqaa maan fakkaattii? Maaniin walfakkeessa?” jedhee gaafate. “Mootummaan Waaqaa gumaa dambii, ka namii fuudhee oobruu ufiitti facaasee; latee ba'ee, muka guddaa ta'ee, simphirreen damee isaa gubbaatti mana jaaratte tokko fakkaatti” jedhe. Ammallee Yesus, “Mootummaa Waaqaa maaniin walfakkeessa?” jedhee gaafate. “Mootummaan Waaqaa bukoo nadheen fuutee haga cuftii buka'aaniitti midhaan guddoo daakaniitti naxxu fakkaatti” jedhe. Yesus adoo Yerusaalemiitti deemuu diraa fi olloowwaan keessa dedeemee barsiise. Namii tokko, “Aabboo, namii baafamu diqqqaa?” jedhee gaafate. Innii warraan, “Akka balbala dhiphoon olseentan wal doggomaa; wantii akkanatiifii, anin isanitti himaa, nama hedduutti seenuu fedha, ammoo hindanda'an. Eegii abbaan manaa ka'ee balbala cufee, isan ala ejaajjitanii balbala dhodhooftanii, ‘Aabboo nuu bani!’ jettanii yaamtan; innii ammoo, ‘Anin garuma isan baataniifiiyyuu hinbeeku’ jedheetti isanii deebisa. Duuba isan, ‘Nu waliin teteennee nyaannee, dhunnee atin dira keenna keessatti nu barsiifte’ jettan. Innii ammoo, ‘Anin garum isan baataniifiiyyuu, hinbeekuu, fuula kiyya duraa fagaadhaa isan cuftii warra dabaatii’ isaniin jedha. Achitti yo Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobii fi raagota cufa Mootummaa Waaqaa keessatti gartan, isan ammoo alatti gatanii, boottanii ilkaan qartan. Namii ila boruutii fi ila galuchiitii, mirgaa fi bitaa dhufee, Mootummaa Waaqaa keessatti sagalee nyaatan. Guyyaa gaafasii namii eegee ka duraa ta'a, namii duraa ka eegee ta'a” jedhe. Yoma sun Fariisotaa keessaa namii garii gara Yesus dhufee, “Armaa baqadhu! Herodis si ijjeesuu fedhaa” jedheen. Yesus ammoo deebisee, “Beenaa, geedala suniinii, ‘Anin ardhaa fi bor jinnii baasa, nama fayyisa, guyyaa sadeessoo hujii tiyya inhobaafadha. Ammoo ardha, borii fi iftaaniillee karaa kiyya qabachuu male, wantii akkanatiifii raagii Yerusaalem male fulaa dhibiitti du'uu hinmalle’ jedha” warraan jedhe. Yesus ittuma dabree, “Ee'ee Yerusaalem, Yerusaalem, atin raagoota fixxee, jara sitti ergan dhakaan dhante! Mar. roo hagam silaa akka lukkuun ilmoolee ufii koola ufii jalatti guurtu ijoollee tantee ufi jalatti guuruu barbaade, ammoo atin hindidde. Me laalaa, manii keessaan ona ta'aa. Anin isanitti himaa, haga ‘Waaqii nama maqaa Aabbootiin dhufu ka eebbisuu’ jettaniiti na hinargitan” jedhe. Guyyaa Sanbataa tokko Yesus mana namicha guddaa Fariisotaa tokkoo sagalee nyaachuu dhandhaan, biyyitii teettee isa daawwatte. Jennaan namichii tokko ka harkaa fi miilii iita'ee fuula isaa dura dhufe. Yesus jara Seera beekuu fi Fariisotaani, “Guyyaa Sanbataa nama fayyisuun aadaa moo aadaaniti?” jedhee gaafate. Warrii ammoo incallise. Yesus namicha qabatee fayyisee ufirraa galche. Jennaan innii warraan, “Isan keessaa, eentu yo mucaan isaa yokaan horiin isaa eela keessa duraa bu'ee, yo guyyaa Sanbataa taateellee, yoma sun keessaa hinbaamne?” jedhe. Duuba warrii gaafii taan homaa deebisuu dadhabe. Yesus akka warrii barcumaa ulfinnaa foohate arginaan, mammaassa kana warra yaamaniitti dubbate. “Yo jila fuudhatti si yaaman, barcumaa guddaa irra hintaa'in, wantii akkanatiif, yo nama sirra jiru yaaman, namichii sii fi isa yaame kaan hegerii dhufeetti, ‘Nama kana duraa ka'i’ siin jedha. Duuba atin ceerteetti dhaxxee fulaa dhibii, kaaraa irra teeta. Ammoo yo si yaaman dhaqii kaaraa gubbaa taa'i, duuba namii si yaame kaan dhufeetti ‘Jaal, oldabrii, barcumaa guddaa sun irra taa'i’ siin jedha, yoos jara si waliin ta'ee nyaatu duratti ulfinna argattaa. Wantii akkanaatiifii namii ufii guddisu cuftii indiqqaata; namii ufii diqqeessu ammoo hinguddata” jedhe. Jennaan Yesus namicha isa yaame kaaniin, “Yo sagalee guyyaa yokaan ta galgala dhaabdee nama yaamtuu, akka warriilleen garagalee si yaamuuf jettee, jaallan tantee, obboleeyyan tantee, fiixaa tantee yokaan dureeyyii ollaa kankeetii hinyaamin. Yo sagalee dansaa dhaabdee nama yaamtu ammoo, hiyyeeyyii, naafa, nama okkolu, ballaa yaam, yoos eebba argattaa. Wantii akkanatiif warrii waan sii deebisu hinqabu, waan sun cufaa guyyaa ka'iisa jara qajeelaa si deebisan” jedhe. Gumii teettee sagalee nyaattu keessaa namichii tokko waan kana dhageennaan Yesusiin, “Ka sagalee Mootummaa Waaqaa keessatti nyaatu ka badhadhe” jedhe. Yesus ammoo isaan, “Namichii tokko jila guddoo tolchee nama hedduu yaame. Nyaatii sagalee ga'ee jennaan, akka innii dhaqee, ‘Koottaa, wantii cuftii amma kurfoo jirtii’ jedhee keessumaa yaamuu, hojjataa ufii itti erge. Warrii yaaman kaan cuftii ammoo ‘Akka dhumnu hinqamnu’ jedheetti hojjataa kaaniitti rakkoo akka akkaa deeffate. Namichii qaraa, ‘Anin oobruu takka bitadhee, dhaqee laaluu malee, naa eebbis, dhufuu hindanda'uu’ jedhe. Namii lammeessoo, ‘Anin qotiyyoo xindii shanii bitadhee, dhaqee laaluu (akka isiin hojjatu laaluu) malee, naa eebbis, dhufuu hindanda'uu’ jedhe. Namii saddeessoo, ‘Anin dhiyoo niitii fuudhee, tanaaf akka dhufu hinqabu’ jedhe. Hojjataan kaan gallaan waan kaan cufa abbaa ufiitti hime. Jennaan abbaan kaan dallanee hojjataa ufitiin, ‘Hurrisii, deemii, karaa fi daandii diraa keessa dedeemii, hiyyeeyyii, naafa, ballaa fi nama okkoluun kootti’ jedhe. Jennaan hojjataan kaan, ‘Aabboo, wantii atin jette cufa la taatee, ammoo ammallee manii hinguutamne!’ jedhe. Jennaan Abbaan hojjataa kaaniin, ‘Beennii karaa guddaa fi daandii alaallee dhaqii, haga manii kiyya guutamuutti nama yaami!’ jedheen. Anin isanitti himaa, namii qaraa yaaman tokkoolleen sagalee tiyya afaaniin hintuqu” jedhe. Gumiin muummee hinqamne isa waliin adoo yaatuu, Yesus garagalee warraan, “Namii natti dhufu, ka abbaa fi haadha ufii, yokaan niitii fi ijoollee ufii, yokaan obbooleessaa fi obbooleettii ufii, yokaan jireenna ufii hinjibbine, danda'ee nama kiyya hinta'u. Namii fannoo ufii fudhatee na gula hindhumnee danda'ee nama kiyya hinta'u. Isan keessaa namii mana dhakaa jaaruu fedhu, ka qaraa taa'ee, horii ufii waan qabu herregee, akka innii hobaasuuf hinlaallee eennu? Yo akkas hin ta'in, egerii yayyaba jala qabeetti ammoo hobbaasuu dadhabee, namii isa argu cuftii gooyyeessee, ‘laal namichii kun mana yayyabee hobbaasuu dadhabee’ jedhaan. Yokaan hayyuu kamiitti, yo hayyuu dhibiin walhadhan, akka danda'ee nama kuma kudhanitiin nama kuma diddamaa ka dhufuu jiru dabsatu, qaraa gad taa'ee hinmari'anne? Yo hindandeenne, adoo kaan fagoo jiruu, nama itti ergee boojuu kadhata. Akkasumaa duuba isan keessaallee namii waan ufii cufa hinlakkimne danda'ee nama kiyya hinta'u” jedhe. Yesus itti dabree, “Sooddii dansaa, yo kuraa dhabee ammoo maaniin kuraa itti deebisan? Lafaa fi fulaa huura itti haraniillee hinmallee, alaatti gatan. Namii gurra qabu ha dhaga'uu!” jedhe. Duuba jara qaraxa guuruu fi warrii cubbooleen akka seeraatti hin bulle cuftii dubbii isaa caqasuuf gara Yesus dhi'aate. Fariisootaa fi jarii Seera beeku ammoo, “Namichii kunin warra cubboolee yaamee sagalee waliin nyaata” jedhanii gunguman. Jennaan innii mammaassa kana warratti himee, “Isan keessa, namii hooliyyee dhibba tokko qabu, ka yo tokko keessaa badde sagaltamii sagallan taan dheedaatti lakkisee tokkocha bade sun, haga argatutti, barbaada hindeemne eennu? Yo argate, gammadee gurmuu irra keeyatee, warratti galchee, jaallan isaatii fi ollaa isaa walti yaamee, ‘Koottaa, na waliin gammadaa! Hoola kiyya ka bade kaan ya argadhee’ jedha. Anin isanitti himaa, akkuma sunii, nama sagaltamii sagalii qajeelota waan irraa deebi'u hinqamne irra, yo namii dabaa tokko cubbu irraa deebi ee, gammadii guddaan gubbaa jira” jedheen. “Yokaan niitii tamiitti ta qarshii kudhan qabdu, yo tokko irraa bade ibsee bobeesittee mana hartee haga argattuutti akka dansaa hinbarbaanne? Duuba yo argatte, jaallan isiitii fi ollaa isii walti yaamteetti, ‘Waan qarshii tiyya ta badde argadheef koottaa, na waliin gammadaa!’ jette. Anin isanitti himaa, yo namii tokko ka cubbuu qabu cubbuu sun irraa deebi'uu ergamtootii Waaqaa akkasuma gammaddi” jedhe. Ammallee Yesus, “Durii nama tokkootti ka ijoollee lama qabu jira. Maandhichii abbaan, ‘Aabboo, horii handhuuraa kiyyaa naa qood!’ jedhe. Jennaan innii horii warra lachuuyyuu qoode. Adoo haguu hinturinuu, ilmii maandhichii handhuraa ufii cufaa gurguree, beesseetti deebisee, ka'ee lafa fagoo dhaqe; achitti marroo tokkoonuu horii ufii cufaa karaa maleen nyaatee balleesse. Eegii innii waan qabuu cufaa hobbaase, beeltii hamtuun lafa sun dhuftee, harka duwwaa hafe. Hujjii barbaadachuu gara namicha lafa sunii tokko dhaqee jennaan, ‘Booyyee tissi’ jedheen. Innii beela'ee ufi jibbaatee jennaan, qola booyyeen nyaattu nyaachuu fedhe; ammoo namuu homaa itti hinkennine. Badii ufii arginaan garaa ufiitiin, ‘Hojjattootii abbaa kiyyaa hagamiitti sagalee quufee hambisa? Ka anin armaatti beelaan du'u. Eegii ka'eetti gara abbaa kiyyaa galee, Aabboo, anin sii fi Waaqaa duraalleetti yaayyuu wallaalee, armaa achi ilma kankee naan jechuu hinmallee, akkuma nama sii hojjatuu na herregi’ jedhanii.” Duuba ka'ee gara abbaa ufii galiisaa itti dhaabate. “Ammoo adoo innii fagoo dhufuu jiruu, abbaan isaa, isa argee na'eefii, fuula keessa utaalee qaaceraatti mamaraatee dhungate. Ilmii isaa kaan ammoo, ‘Aabboo, anin sii fi Waaqaa duraalleetti yaayyuu wallaale. Armaa achi ilma kankee naan jechuu hinmale’ jedheen. Abbaan ammoo hojjattoota ufiitiin, ‘Hurrisaa wayaa wayaa cufa irra dansaatin koottaa, isaatti uyyisaa, qubee quba isaatti kaa'aa, kopheellee miila isaatti naqaa. Jibicha gabbaan koottaa qalaa, nyaannee gammannaa. Wantii akkanatiifii, ilmii kiyya kunin qara ya du'e, ammoo amma la ka'e, qara ya badde, ammoo amma la gale’ jedhee, duuba gammadaan jila tolfatan.” “Ilmii angafittichii kaan yo sun oobruu keessa jira. Adoo galuu manaatti dhi'aannaan, sirbaa fi tapha dhaga'e. Jennaan hojjataa tokko yaamee, ‘Wantii kunin maan?’ jedhee gaafate. Gurbaan deebiseefii, ‘Obboleessii kankee gallaan, waan innii nagaa fayyaan galleef abbee Jibichaa gabbaa kaan qale’ jedheen. Ilmii angafittichii kaan ammoo dallanee olseenuu dide. Abbaan itti gad ba'ee isa sobatee, ‘Olseen’ jedheen. Innii ammoo deebisee abbaan, ‘laal! Anin ganna hedduu kana cufa akka tissee sii hojjadhee, seera kankee tokkoollee hincabsine, atin ammoo akka anin jaallan tiyya waliin gammadu, ilmee ree'eellee takka naa hinkennine. Ammoo ilmii kankee kunin, ka horii kankee shaarmuxa irratti hobbaase, dhumnaan atin jibicha gabbaa kaan qalteef?’ jedhe. Abbaan isaa ammoo, ‘Gurbaa, atin yo cufaa na waliin jirta, wantii kiyya cuftii keetuma. Akkii nu gammada tolchinu fulaa, wantii akkanatiifii obboleessii kankee kunin qara ya du'e, ammoo amma la ka'e, qara ya bade, ammoo amma la gale’ ” jedhe. Yesus jara ufiitiin, “Durii dureessa tokkotti, ka nama hojii isaa cufa to'aatuuf qabu jira. Duuba dhufanii, ‘Namii kankee kunin horii kankee balleessuu jira’ jedhaniin. Jennaan innii isa yaamee, ‘Wantii anin sirratti dhaga'u kun maan? Waan armaa achi itti deebitee naa hojachuu hindandeeneef horii kiyya cufaa hedii, harka kiyyatti deebisi!’ jedheen. Hojjataan kaan ufiin, ‘Amma Abbaan hujii keessaa na baasaa, anin maan ta'a? Danda'ee oobruu hinqotu, wa kadhachuullee inceeraa. Akka yo hujii tana keessaa na baasan biyyitii manneen ufiitti na yaamtuu anin waan tolchu yaayyu maladhe’ jedhe. Tanaaf nama abbaan isaa gatii irraa qabuu cufaa tokko tokkoon yaamee nama qaraatiin, ‘Gatii abbaa kiyyaa hagam qabda?’ jedhee gaafate. Namichii kaan deebiseefii, ‘Dhebbee dhibba tokkoo ta dhadhaa’ jedhe. Jennaan innii isaan, ‘Waraqata kankee ka irratti barreessan fuudhii, hurrisii taa'ii, shantama barreessi’ jedheen. Ammallee ka dhibiinii, ‘Atin gatii isaa hagam qabda?’ Jennaan namichii kaan, ‘Kintaala dhibba lamaa ka dargaayyee’ jedhe. Isaalleen, ‘Waraqata kankee ka irratti barreessan fuudhii, dhibba tokkoo fi jaatamaa barreessi’ jedhe. Abbaan hojjataa kiyyibaa kaan marroo qarooma isaatiif guddoo saade; wantii akkanatiif namii waan lafa tanaa gula deemu nama ibsee gula deemuu irra mala lafa tanaa beeka.” “Anin isanitti himaa, akka yo horiin dhumate mana hegeriitti isan yaamanii, horii lafa tanaatiin jaala tolfadha! Nama waan diqqoon dhugeeffatan waan guddoolleen dhugeeffatan; ammallee nama waan diqqoon dhaareffatan waan guddoolleen indhaareffatan. Tanaaf yo qaraa horii lafa tanaatiin isan dhaareffatan eentu danda'ee horii dhugaatiin isan dhugeeffata? Ammallee yo horii nama dhibiitiin isan dhaareffatan eentuu waan keessan isanii kenna?” “Namii abbaa tokkoo hojjatu, danda'ee abbaa lamaa hinhojjatu; wantii akkanatiif egerii tokko jibbeetti kaan jaalata, yokaan tokkoon waldhaqeetti kaaniin waldhaba. Isan dandeettanii Waaqaa fi horii fulaa takkaa hinhojjattan” jedhe. Fariisotii ta guddoo horii jaalattu, waan kana cufaa dhageennaan isa gooyyeesite, Yesus ammoo warraan, “Isan warra nama duratti ufii dhugeessu, Waaqii ammoo garaa keessan inbeeka; wantii akkanatiif waan namii waan guddoo wa namaa baatu se'uu Waaqii homaa hinse'u.” “Seera Museetii fi barreessiin raagootaa haga Yoh. aannisii nama cuuphuu calla jabeenna qabdi; duuba achii asi Oduu Dansaa Mootummaa Waaqaa himan, namii cuftii Mootummaa sun irreen seenuu jira. Ammoo fulaa dubbiin seeraa diqqoon tokkoolleen badduu, yo lafaa fi gubbaan dabartu irra laaftuu.” “Namii niitii ufii lakkisee ta dhibii fuudhu ya cubbuu tolche; namii niitii dhiirssii lakkise fuudhuulleen ya cubbuu tolche” jedhe. “Durii namicha dureessa tokkootti jira, ka wayaa mimidhaadduu gatii guddoo naqatee guyyaa cufa gammadaa deemu. Ammallee namicha hiyyeessa nafii isaa cuftii mammadaa'ee sareelleelleen dhuftee madaa isaa arraabdu, ka Alazaar jedhan tokkootti, ka akka innii hambaa sagalee, ta xarapheezaa namicha dureessaa irraa jiddu nyaatu, balbala isaa dura kaa'an jira. Hiyyeessii sun du'ee jennaan ergamtootii Waaqaa olfuutee gara bobaa Abrahaamitti geessite. Dureessiilleen du'ee awwaalan. Fulaa ekeraatti guddoo gaargalee, olmillannaan Alazaar ka bobaa Abrahaam jala taa'u fagootti arge. Jennaan lallabee, ‘Aabboo Abrahaam, naa na'ii, akka fiixee quba isaa bisaan keessa kaa'ee arraba kiyya naa qabbaneessu Alazaar natti ergi; anin ibidda kana keessatti gubachuu jira’ jedhe. Abrahaam ammoo, ‘Gurbaa, akka bara jireenna kankeetii waan dansaa argattee qaabadhu, gaafas ammoo Alazaar waan hamtuu argate; ammoo amma isa armaatti qorqoratan, atin ammoo gaargaluu jirta. Tana maleellee, akka namii armaa ba'ee gara keessan taakkuu hindandeenne, akka namii gara keessaniilleen nutti taakkuu hindandeenne bowwaa guddootti nuu fi isan jidduu jira’ jedhe. Namichii dureessii kaan ammoo, ‘Aabboo yoos, anin si kadhaadha, anin obboleeyyan shan qabaa, akka warrii fulaa tiyya ta gaargalaa tana hindhumne, ha deemee warra gorsuutii Alazaar gara warra keennaa ergi’ jedhe. Abrahaam ammoo, ‘Warrii Kitaaba Musee fi raagootii barreessiti qabaa, ha dubbii warraa dhaga'anitii’ jedhe. Innii ammoo, ‘Hiyyoo, Aabboo Abrahaam, yo silaa namii tokko du'a keessaa ka'ee dhaqee warratti hime warrii cubbuu irraa deebi'a’ jedhe. Abrahaam ammoo, ‘Warrii yo Musee fi raagoota hindhaga'iin, adoo namii du'a keessaa ka'ee warratti himeellee hindhugeeffatu’ ” jedhe. Yesus jara ufitiin, “Gufuun cubbuu keessa nama buuchu silaafuu inuma dhuftii, ammoo gaargalii kama nama dhufuunii! fulaa innii warra didiqqa kana gufachiisuu, yo silaa dhakaa daakuu morma isaatti hidhanii galaana keessa buusan irra dansaa. Ufi eegadhaa! Yo obboleessii kankee cubbame gorsi, yo innii cubbuu irraa deebi'e araaramiif. Yo innii guyyaa tokko keessatti marroo torba sitti cubbame marroo torbaanuu, ‘Naa araaram’ siin jedhe, araaramiif” jedhe Ergamtootii Aabboon, “Dhugeeffachaa teenna itti nuu ida'i” jennaan, Aabboon, “Yo silaa dhugeeffachaa haga midhaan dambii tokko qabaattanii, odaa kanaan, ‘Hiddaan armaa buqqa'ii, galaana keessa ufi dhabi!’ jettan, duuba innii isaanii in ajajama” jedhe. “Isan keessaa namii tokko yo silaa hojjataa tokko ka oobruu qotu yokaan ka re'ee tissu qabaatee, yo innii hujii galee, ‘Kootti hurrisii, arma taa'ii sagalee nyaadhu!’ hin jedhanii? Danda'ee hinjedhu, ammoo, ‘Koottii, hurrisii sagalee qopheessii, naa keenni, haga anin nyaadhee dhugu marxiffadhuu na gololchi! Achiin duubaatti atilleen nyaattee dhuddaa’ jedhan. Akka keetiitti Abbaan hojjataa sun marroo waan innii fedhu innii tolcheef galata hindeebisaa? Hiyyo. Isaniilleen akkasuma; yo waan tolchaa jedhan cufaa tolchitanii, ‘Nu hojjattoota homaa hinbaanee, waan tolchuu malle callaa tolchine’ jedhaa!” jedhe. Yesus adoo Yerusaalemiitti deemuu jiruu, lafa Samaariyatii fi ta Galiilaa jiddu dabre. Adoo innii ollaa tokko seenuu jiruu, namii kudhan ka qomaaxaa qabu isaatti dhufee, fagoo ejaajjee, qoonqoo olfudhatee, “Yesus Aabboo, nuu na'i!” jedhe. Yesus warra arginaan, “Beenaa, qaallolee ufi garsiisaa!” jedheen. Warrii ammoo adoo karaa yaa'uu fayyee qulqullaa'e. Jennaan namii tokko akka fayye ufi arginaan, qoonqoo guddoon Waaqaa faarsaa deebi'ee gara Yesus dhufe. Addaan miila Yesus jalatti jigee galata deebiseef. Namichii sun gosa Samaariyati. Jennaan Yesus, “Namii kudhan hinfayyinee? Sagallan kaan me ree? Keessumicha kana malee, namii deebi'ee Waaqaa galata deebisu hinjiruu?” jedhee gaafte. Jennaan Yesus namichaan, “Ka'ii deem, dhugeeffachan tantee la si fayyiftee” jedheen. Fariisotii guyyaa Mootummaan Waaqaa dhuftu Yesus gaafannaan innii, “Mootummaan Waaqaa akka namii eeguun hindhuftu, yokaan namii danda'ee, ‘Kunoo tana’ yokaan, ‘Kuunoo sun’ hinjedhu, wantii akkanatiif Mootummaan Waaqaa jidduu teessan keessa jirti” jedhe. Jennaan innii jara ufiitiin, “Eegii tanaa guyyaan tokko ka isan bara ilmii namaa lafa jiru kaan arguu feetanii dharraatan, indhufa; ammoo hinargitan. Gaafas warrii, ‘Kuunoo sun’ yokaan ‘Kunoo tana’ isaniin jedha, isan ammoo hindeeminaa yokaan warra gula hinyaa'inaa! Akkuma hangaasuun gama tokkoo ta gubbaa hangaate moggaa taanti ibsituu, guyyaan ilma namaalleen akkasuma ta'a. Ammoo qaraa innii akka hedduu gaargaluu male, ammallee dhalootii kun isa diduu male. Akkuma barii Nohii jiru, barii ilma namaalleen jira. Gaafas haga guyyaan Nohi hoboloo seenee lolaan dhufee warra cufaa balleesse ga'uutti, nyaatanii, dhuganii, walfuudhan. Akkuma bara Looxii ta'e ta'a; adoo nyaatanii, dhuganii, bitatanii, gurguratanii, oobraatanii, mana jaaratanuu, guyyaa Loox Sodom keessaa ba'e ammoo, ibiddaa fi dilloon akka ibiddaa bobeettu Waaqaa keessaa itti gad roobdee warra cufaa balleessite. Guyyaa ilmii namaa mullatuullee wantii cuftii akkasuma taati.” “Guyyaa sun, namii mana gubbaa jiru, ka ammoo mi'ii isaa mana keessa jiru, gad bu'ee hinguurratin; akkasuma namii oobruu keessa jiruulleen hindeebi'in! Niitii Loox qaabadhaa! Namii jireenna ufii baasuu fedhu indhaba; ammoo ka jireenna ufii balleessu inargata. Waan anin isanitti himuu, Halkan sun nama lamaatti siree tokko irra rafa, tokko fuudhaniitti kaan lakkisan. Nadheen lamaatti midhaan waliin daakuu jira, tokko fuudhaniitti taan lakkisan. Nama lamaatti oobruu keessa jira, tokko fuudhaniitti kaan lakkisan” jedhe. Jarii isaa, “Aabboo, fulaan sun eessa?” jedhee gaafanaan innii, “Allattiin fulaa reefii jiruutti buuti” jedhee deebiseef. Jennaan Yesus akka namii guyyaa cufaa Waaqaa kadhachuu hinlakkimne, mammaassa kana warratti himee, “Nama dubbii qoru tokkotti ka Waaqaa fi namaallee hinsodaanne dira tokko keessa jira. Ammallee dira sun keessa niitii hiyyeettii tokkotti jira, ta guyyaa cufaa gara isaa dhaxxee, ‘Nama tokkootti na dabsee, dubbii tana naa laali’ jettuun. Guyyaa hedduu didee, eegee ammoo garaa ufii keessatti, ‘adoo Waaqaa fi namaallee sodaachuu baadhee, waan niitiin tun na gaargalchituuf, akka isiin yo cufa dhuftee na hingaargalchine anin dubbii isii inqora’ ” jedhe. Jennaan Aabboon, “Waan namichii jallaan dubbii qoruu kunin jedhu dhagaa! Waaqii warra ufii foohate, ka halkaanii guyyaa isa yaammatu, hindubbatuufii? Innii hurrisee hinqarqaaruu? Anin isanitti himaa, innii hurriseetti dhugaa warraa qora. Ilmii namaa ammoo yo dhufee, dhugeeffachaa lafaatti argaa?” jedhe. Yesus mammaassa kana jara garii ka ufii dhugeeffatee qulqulloo ufi sehee biyya tuffatuutti himee, “Namii lama Waaqaa kadhachuuf Mana Waaqaa olduude, warrii namicha fariisicha tokkoo fi namicha qaraxa guuru tokko. Namichii Fariisichii kaan kophaa ejjee garaa ufii keessatti Waaqaa kadhatee, ‘Ee'ee Waaqa, anin waan akka nama dhibii, saamtuu, jallaa, shaarmuxa, yokaan akka namicha qaraxa guuruu kana hinta'iniif si galateeffadha. Torbaan tokko keessatti marroo lama agaba, waan argadhu cufaa keessaa qooda kudhaneessoo sii baasa’ jedhe. Namichii qaraxa guuruu kaan ammoo, fagoo ejjee, ila lafa buusee laphee qabatee, ‘Anin cubbichaa Waaqaa naa nahi!’ jedhe. Anin isanitti himaa, namichii kun namicha kaan irra qajeelaa ta'ee mana ufiitti gale, wantii akkanatiif namii ufi guddisuu indiqqaata, namii ammoo ufi diqqqeessuu inguddata” jedhe. Akka Yesus harka isa irra kaa'ee eebbisu biyyitii ijoollee didiqqoo isaattiin dhuftee, jarii isaa ammoo waan kana arginaan dhowwe. Yesus ammoo ijoollee ufiitti yaamee, “Ijoolleen ha gara kiyya dhuftuutii, hindhowwinaa, Mootummaan Waaqaa ta warra akka ijoollee tanaa jiruutii. Dhugumaan isanitti himaa, namii Mootummaa Waaqaa akka ijoollee didiqqoo hinfudhannee haguma jiru hinargatu” jedhe. Jennaan namichii bulchaa tokko, “Abbaa dansaa, akka jireenna barbaraa argadhu, anin maan tolchuu male?” jedheee isa gaafate. Yesus ammoo deebiseefii, “Maaf dansaa naan jetta? Waaqaa tokkocha malee namii dansaan tokkoolleen hinjiru. Atin seera inbeetta, ‘Nadheen namaa hinbaratin, nama hinijeesin, hinhatin, nama tokkollee dharaan hinhimatin, haatetii abbeetii saalfadhuu!’ ” jedhe. Innii ammoo, “Waan kana cufaa haguma ijoollummaa tiyyaatii jalqbee ya guute” jedhe. Yesus tana dhageennaan namichaan, “Ammallee waan tokkootti sirraa fittatee, waan qabdu cufaa gurgurii, hiyyeeyyii qoodi, gubbaa horii argattaa, duuba deebi'ii, na gula kootti!” jedheen. Namichii ammoo waan guddoo dureessa ta'eef waan kana dhageennaan guddoo laaleffate. Yesus waan kana arginaan, “Dureeyyiin Mootummaa Waaqaa argachuun guddoo jabduu! fulaa dureeyyiin Mootummaa Waaqaa argattuu yo gaalii qaa'a limmee keessaan dabre irra laaftuu” jedhe. Warrii dhaga'e kaan, “Eentu baafamuu danda'a ree?” jedhe. Innii ammoo, “Wantii namaan hintaane Waaqaan intaati” jedhee warraa deebise. Jennaan Phexros isaan, “laal, nu ya waan cufa lakkimnee si gula yaanee” jedhe. Yesus ammoo warraan, “Anin dhugumaan isanitti himaa, Namii marroo Mootummaa Waaqaatii jedhee mana yokaan niitii, obboleeyyan yokaan haadhaa abbaa yokaan ijoollee ufii, lakkisee, ammaantana waan guddoo hagas irraa argata, eegii tanaallee jireenna barbaraa argata” jedhe. Yesus jara kudhanii lamaanuu kophaatti yaamee, “Nu Yerusaalemitti olqabanna, duuba wantii ilma namaa ka raagootii barreesitte cuftii inguutamti. Warii garii isa qabee harka warra Yihudii hinta'initti kennee, gooyyessanii, arrabsanii, hancufa itti tufanii, lichoon dhaananii ijjeessanii, innii ammoo guyyaa sadeessoo du'a keessaa ka'a” jedheen. Warrii ammoo waan jecha kana warra dhossaniif waan kana keessaa tokkoollee hinhubanne, dubbii Yesus dubbateellee hinbeenne. Yesus Yerikootti dhi'aannaan namichii ballan tokko dhaattuu karaa taa'ee wa kadhate. Gumii guddoo karaa suniin dabartu dhageennaan, “Maalti akkana ta'uu jira?” jedhee warra dabruu jiru gaafate. Warrii itti himee, “Yesus Naazireetiitti karaa kana gula dabruu jira” jedheen. Jennaan innii lallabee, “Yesus ilma Daawitii, naa na'i!” jedhe. Warrii isa dura yaa'uu ammoo, “callisi!” jedhee isa dhowwe, innii ammoo hagasiillee irra lallabee, “Ilma Daawitii, naa na'i” jedhe. Jennaan Yesus miila dhaabatee, “Nattiin koottaa!” jedhee, innii dhumnaan, “Anaa maan sii tolchu feeta?” jedhee gaafate; innii deebiseefii, “Aabboo lafa arguu fedha” jedhe. Yesusiilleen, “Lafa argi! dhugeeffachaan tantee la si fayyiftee” jedheen. Yoma sun lafa argee, Yesus gula deemee Waaqaa galata galchee, namii cuftii arginaan Waaqaa faarse. Yesus Yerikoo seenee dira keessa dabre. Nama Zakewos jedhan tokkotti achi jira, innii guddaa warra qaraxa guuruuti, ammallee dureessa. Innii Yesus barbaadee akka innii jiru arguu fedhee, ammoo marroo nama gabaabaa ta'eef, ammallee marroo guddinna gumitiif arguu dadhabe. Innii akka Yesus karaa suniin dabru dhageennaan utaalee dura dabree akka isa argu odaa tokko kore. Yesus achi geennaan gubbaa olmillatee isa argee, “Zakewos, hurrisii gad bu'i, anin ardha mana kankee ooluu malee!” jedheen. Innii hurrisee gabu'ee gammachuun mana ufiitti yaame. Namii arge cuftii, “Innii yaayyuu mana nama cubbichaa olseene” jedhee gugungume. Zakewos ammoo ol ka'ee Aabboon, “laal Aabboo, anin horii kiyya keessaa gama tokko hiyyeeyyii qoodaa, anin yo nama tokkoollee horii dabaan irraa fudhadhe, marroo afurii deebisaaf” jedhe. Yesus deebiseefii, “Waan atin ilma Abrahaam taateef ardha baafamii la mana kana dhufe. Wantii akkanatiif ilmii namaa ka bade barbaadee baasuu dhufe” jedhe. Adoo warrii dubbii isaa dhaga'uu jiruu, Yesus waan Yerusaalemitti dhi'aateef, ammallee waan warrii waan mootummaan Waaqaa yoosuma mullattu se'eef mammaassa kana warratti hime. Duuba Yesus, “Namichii guddaan tokko akka hayyooma argatee deebi'u imaltuu lafa fagoo dhaqe. Innii hojjattotaa ufii kudhan yaamee namuu qarshii kuma tokkoo itti keennee, ‘Haga anin galuutti horii kanaan daldala’ jedhe. Warrii lafa sunii ammoo isa jibbee, ‘Akka namii kun hayyuu keenna ta'u nu hinfeenu’ jedhee jaarrolee faana isaa erge.” “Innii hayyummaa ufii fudhatee gallaan, waan daldalee warrii argate laluuf hojjattoota horii itti kenne taan yaame. Namichii qaraa dhufee, ‘Aabboo, qarshii tantee ta atin na kenniteen hojjadhee la marroo kudhan dhalte’ jedhe. Hayyichii, ‘Akka dansaa tolchitee, atin hojjataa dansaa! Waan nama dhugaa taatee waan diqqqoo guutteef dira kudhan moohadhu’ jedheen. Namichii lameessoo dhufee, ‘Aabboo, qarshii tantee ta atin na kenniteen hojjadhee la marroo shan dhalte’ jedhe. Jennaan innii isaalleen, ‘Atinlleen dira shan moohadhu’ jedhe. Innii ammoo, ‘Atin hojjataa hamaa! Anin jecha keetiin wallaala sitti mura! Ati akka anin naasuu hinqabuu waan namaa fudhadhee, midhaan namaa muradhu yo beettee, Maaf horii kiyya fulaa innii wa naa daruufii ol hinka'iin ree? adoo silaa akkas tolichitee, anin yo galu, horii kiyyaa fi waan irra dhufaallee waliin fudhadhaa’ jedhe. Jennaan warra dhaattuu ejaajju kaaniin, ‘Qarshii irraa fuudhaa namicha kuma kudhan qabu kaanii kennaa’ jedhe. Warrii ammoo, ‘Aabboo, innii qaraa qarshii kuma kudhanii qaba’ jedhe. Yesus ammoo, anin isanitti himaa, nama qabu cufaa itti daraniif, ka homaa hinqamne ammoo waan diqqqoo innii qabuullee irraa fuudhan. ‘Ammallee nyaapha kiyya kaan, ka akka anin moohadhu dide, armaan koottaa na duratti gogorraa’ ” jedhe. Waan kana jennaan Yesus dura deemee Yerusaalemitti olqabate. Betfaagee fi Bitaaniyatti, gaara, “Gaara Ejersaa” jedhaniitti, dhi'aannaan jara isaa keessaa lama ufi dura ergee, “Haga ollaa isan duraa sun yaa'aa, yo achiin baatan bukura harree ka namii takka irra hintaa'in argitanii, hiikaa koottaan. Yo namii, ‘Maaf hiittan?’ isaniin jedhee, ‘Aabbootti fedha’ jedhaa” jedhe. Jarii ergan kaan ka'ee yaa'ee akkuma innii itti hime arge. Adoo warrii bukura kaan hiikuu, abbootiin, “Maaf bukura hiittan?” jetteenii gaafate. Warrii ammoo, “Aabbootti fedha” jedhee deebiseef. Jennaan Yesustiin dhufanii, wayaa ufii bukura gubbaa raranii Yesus yaabbachiisan. Adoo innii gulufuu, biyyitii wayaa isaanii karaa innii deemu irratti afteef. Innii kooffee Gaara Ejersaa jedhanitti dhi'aannaan, marroo waan mamaa kana garteef, gumiin jara isaa guddoon gammachuun qoonqoo olfudhatee Waaqaa faarsitee, “Hayyuun maqaa Waaqaatin dhufu ka eebbifame! Nagaa fi guddinnii Waaqaa gubbaatti ha ta'u!” jedhan. Jennaan Fariisotii garii, ta gumii keessa jirtuu, Yesusiin, “Aabboo, jara kankee kanaan, callisaa jedhi!” jetteen. Yesus ammoo, “Anin isanitti himaa, Yo silaa gumiin tun callifte, dhakaayyeen tun iniyyiti” warraan jedhe. Yesus diraatti dhi'aatee, dira arginaan boo'ee, “Atin adoo silaa guyyaa kana waan nagaa lafa tanaatiin dhufaa beettee, guddoo dansaa! Amma ammoo la si dhossan, Guyyaan, nyaaphii kankee dalla sitti jaaree, si marsee ba'uu si dhowwu indhufa. Waan atin guyyaa Waaqii dhufee si baasuu hinbeenneef, nyaaphii kankee sii fi ijoollee tantee ta si keessa jirtuullee irreen lafa isan harcaasa, duuba dhakaa kankee kana tokkoollee walirratti hinhambisan” jedhe. Yesus Mana Waaqaa seenee nama keessatti wa gurguratu alatti gussee, “‘Manii kiyya mana Waaqaa itti kadhatan’ jedhanii la barreessan, isan ammoo ya goda hattuu tolchittan” jedhe. Innii guyyaa cufa Mana Waaqaa keessatti barsiisa. Qaallolee gugurdoo fi jara seera beekuu maanguddoota biyya ida'atanii karaa isaan ijjeessan barbaadan. Ammoo marroo namii cuftii dubbii isaa gurra tokkoon caqasuu jiruuf waan isa tolchan dhaban. Gaafa tokkoo, adoo Yesus Mana Waaqaa keessatti oduu dansaa haasa'ee nama barsiisuu jiruu, qaallolee gugurdoo fi jarii seera beeku maanguddoota biyyaa waliin isaatti dhufee, “Atin jabeenna kamiin waan kana tolchita yokaan eennutti jabeenna kana cufa sii kenne? Nutti himi!” jedhaniin. Innii ammoo isanii deebisee, “Anilleen gaafii tokko isan gaafadhaa, natti himaa! Cuuphan Yoh. aannis Waaqaa irraa dhufte moo nama irraa dhufte?” jedhee gaafate. Warrii wal mari'atee, “Yo nu, ‘Waaqaa biraa dhufte’ jennee, ‘Maaf hindhugeeffatiinaa ree?’ nuun jedha. Ammoo yo nu, ‘Nama biraa dhufte jennee, namii cuftii waan akka Yoh. aannis raagaa beekuuf dhakaan nu haadhaa’ waliin jedhe. Tanaaf warrii, ‘Nu gara isiin dhufteef hinbeennu’ jedhee deebiseef.” “Jennaan Yesusiilleen, ‘Anilleen jabeenna waan kana tolchuun isanitti hinhimu’ ” jedheen. Jennaan Yesus mammaassa kana biyyatti himee, “Namii tokko oobruu weynii oobree, warra hojjatee, isa waliin qoodatuutti lakkifatee, lafa dhibii dhaqee ture. Muraansii geennaan akka innii midhaan oobruu isaa galchuuf hojjataa tokko warra hojjattootaatti ergee, ammoo hojjattootii isa dhantee harka duwwa galchite. Innii hojjataa dhibiillee ergee jennaan isaallee dhananii ceersanii harka duwwaa galchan. Ka sadeessollee ergee isaallee mataa dhoosanii alatti darbatan. Abbaan oobruu weynii, ‘Anin maal tolcha? Eegii mee isafaa saalfatanii ilma kiyya ka jaaladhu itti ergaa’ jedhe. Hojjattootii taan ammoo isa arginaan, ‘Kunin ilma dhaaluu, koottaa, inijjeemnaa, akka dhaalti teenna taatu’ jettee walmari'atte. Jennaan oobruu weynii keessaa alatti baasanii ijjeesan. Abbaan oobruu weynii maan warra tolcha duuba? Innii dhufeetti hojjattoota taan balleessee oobruu nama dhibiitti kenna” jedhe. Biyyitii waan kana dhageennaan, “Waaqii tana oolchinna!” jette. Yesus ammoo gara warraa millatee, “Ree wantii ‘Dhakaan ijaartuun tuffattee didde, yaayyuu dhakaa cufa irra jabaa ta'e. Namii dhakaa sun irratti jigu incaccaba, namii dhakaan sun irratti jiguulleen inbututa’ jedhanii barreessan maal jechuu?” jedhe. Qaallolee gugurdoo fi jarii seera beekuulleen, waan akka Yesus mammaassa kana warraaf jedhe beekuuf yoma sun isa qabuu fedhee, ammoo biyya sodaate. Warrii akka silaa dubbii afaan isaa fuudhee harka nama ardaa sun fiduutti isa kennu, doo'aa nama nagaa fakkaattee isa caqachuu itti erge. Warrii sun isa gaafatee, “Barsiisaa, akka atin waan dhugaa dubbattee nama barsiiftu nu inbeenna, namii cuftii sii haga tokkotuuyyuu, karaa Waaqaa akkuma dhugaa nama barsiifta. Tanaaf hayyuu Roomaa Qiisaarii gibira baasuun nuu, aadaa moo aadaaniti?” jedheen. Yesus ammoo kijiba warraa arginaan, “Me, qarshii tokko na garsiisaa! Mat. aa fi maqaa eennutti irratti barreessaa qaba?” jedhee jennaan, “Ka Qiisaarii” jedhan. Jennaan Yesus, “Yoos, waan Qiisaar Qiisaarii baasaa, ka Waaqaa Waaqaa baasaa” jedhe. Warrii dubbii suniin nama duratti isa qabuu dadhabee ammoo jecha isaa mamee callise. Saduqootii garii ta, du'aa ka'uun injirtu jettu, gara Yesus dhuftee, “Barsiisaa, akka Museen barreesse gula, yo obboleessii namaa ka niitii qabu du'ee, ammoo ilmaan hinqamnee, obboleessii isaa niitii sun dhaalee obbooleessa ufiitii ijoollee dhalchu male. Duuba, obboleeyyan torbaatti jira, ka qaraa niitii fuudhee, ilmee malee du'e. Jennaan ka lammeessotii fi ka sadeessolleen isii fuudhanii, torbaanuu akkasuma ilmaan malee dhumatan. Eegee, niitiilleen doote. Torbaanuu ya isii fuutee, gaafa warrii durii du'e ka'uu, isiin niitii eennuu taati?” jette. Yesus warraa deebisee, “Dhiiraa fi nadheen lafa tanaa walfuuti, ammoo dhiiraa fi nadheen, takkaa tanaa du'a keessaa kaassanii, haga barabaraa, jiraattu wal hinfuutu. Warrii akka ergamtoota gubbaa jiraa, deebi'ee hindu'u. Warrii waan du'a keessaa kaassaniif ijoollee Waaqaati. Ammoo akka warra du'e kaasan, Muuselleen fulaa waan gurbii bobeettuu barreesse taanitti, waan Aabboo dubbatee, ‘Innii Waaqaa Abrahaam, ka Yisihaqiitii fi ka Yaaqoob’ jedhee ya garsiise. Innii Waaqaa warra du'eetiinitii, ammoo ka warra jiruuti, wantii akkanatiif namii cuftii isa biraatti hindoonee in jira” jedhe. Jarii seera beeku ka garii deebisee, “Aabboo, akka dansaa jette” jedheen. Duuba itti deebi'anii gaafii dhibii isa gaafachuu sodaatan. Yesus ammoo, “Namii akkam, ‘Kiristoon ilma Daawit’ jechuu dandaa?” jedhe warra gaafate. Daawitiiyyuu, ‘Aabboo isaan’ jedhee, duuba Kiristoon akkam danda'ee ilma isaa ta'a ree?” jedhe. Adoo namii cuftii dhaga'uu, innii jara ufitiin, “Jara seera beeku ka wayaa dhedheertuun yayaa'uu fedhu, ka fulaa gabaatti akka nagaa fuudhan fedhu, ka mana waldeennaa keessatti dura taa'uu fedhu, ka yo sagalee waliin nyaatan barcumaa dansaa fedhu, ka mana nadheen hiyyeeyyiitii wa nyaatuu, ka kijibaan kadhachaa dhedheertuu kadhatu eegadhaa! Yakkaa takka hinargiin warratti murani” jedhe. Yesus olmillatee jennaan, dureeyyii horii Waaqaa baaftu arge. Ammallee niitii hiyyeettii dhiirsa hinqamne tokko ta dururuu lama achi keessa buuftu arge. Innii, “Ani dhugumaan isanitti himaa, niitiin hiyyeetiin tun nama cufaa irra wa baafte. Wantii akkanatiif jarii kaan cuftii horii ufii guddaa keessaa baase; isiin ammoo hiyyummaa ufii keessaa horii qabdu cufaa baafte” jedhe. Adoo namii garii waan Mana Waaqaa, akka dhakaayyee dansaa fi akka waan Waaqaa baasaniin midhaassan, haasa'uu Yesus, “Guyyaan waan isan argitan kana cufa gargarii jissanii, dhakaan tokkkoolleen walirratti hinhamne indhufa” jedhe. Warrii Yesusiin, “Aabboo, wantii kun yoom taati? Yo wantii kun dhiaattu akeeka akkamitti mullata?” jedhe. Innii warratti himee, “Eegadha, akka isan hinsobne, nama hedduutti ‘Anin Kiristoo’ ammallee, ‘Fulaan ya dhiaatte’ jedhee, maqaa kiyyan dhufaa, warra gula hindeeminaa! Lola fi hadhiisa, yo dhageetan, hinsodaatinaa; wantii kun qaraa dhufuu maltee, ammoo muummeen diqqqoo hingeenne” jedhe. Jennaan innii warraan, “Gochii gosaan walhati, laftii lafaan walhati; lafti guddoo chochooti, fulaa hedduu beela fi dhukkubaatti dhufa; waan nama muddamsisaatii fi akeeka guddaatti Waaqaa gubbaa mullata. Ammoo waan kana cufaa duratti isan qabanii gaargalchanii, Manneen Waldeennaa duraan isan dhufanii, mana hidhansaa keessa isan buusanii, marroo maqaa kiyyatiif hayyootaa fi jaallaba dura isan geesan. Yo'ii kun yo dansaa isan oduu dansaa himtan. Tanaaf akka waan deebiftan hindhindhinsinee, duraattuu garaa kutadhaa. Anaatti afaanii fi qalbii, nyaaphii keessan tokkoolleen danda'ee morkeenii hintuffanne isanii kennaa. Warrii isan dhale, obboleeyyan, fiixaa fi jaallan teessaniilleen isan gurguratti; isan keessaa nama garii inijjeesan. Naaf jedhee namii cuftii isan jibba. Ammoo rifeensii mataa keessanii tokkkoolleen hinbaddu. Jabaadhaa obsaa, akkasi callaan lubbuu teessan baaftan” jedhe. “Ammoo yo duula Yerusaalem marsu argitan, akka baddiin isii dhi'aatte beekaa. Yo sun namii lafa Yihudaa keessa jiru ha gaarreeniitti baqatuutii, namii dira keessa jiruulleen ha keessaa ba'uu, namii ala jiruulleen dira hinseenin. Wantii akkanatiif kunin guyyaa haaloo baafatan, ka waan barreessan cufaa guutan. Gaargala, nadheen gaafasi garaacha qabduu, yokaan ta hoosiftuu. Gaargalii guddaan lafa tanaatti, dheekkamisii Waaqaa gosa tanaatti indhufa. Warra garii goraadeen fixanii, ka hafeellee booji'anii lafa dhibii geessan. Gochii dhibiin dhufteetti haga guyyaan isii hobba'uutti Yerusaalem irra ejaajjatti” jedhe. Yesus itti dabree, “Akeekaatti aduu, ji'aa fi urjii keessa mullata. Lafa irraalleetti gochitii cuftii goohannaa fi dhawaa galaanaa sodaateetti waan taatuu wallaaltee ufi jibbaatti. Namii yo waan lafaatti dhufaa herregu, naasuun gaggaba, wantii akkanatiif wantii gubbaa jiraa cuftii chochooteetti karaa ufii irraa gorti. Gaafas ilma namaa, ka jabeennaa fi ulfiinna guddaan duumansa keessa dhufu argan. Yo wantii kun qaraa taatuu, mataa olfudhadhaa, olmilladhaa, baafamii keessan ya dhi'aatee” jedhe. Jennaan Yesus mammaassa kana warratti himee, “Odaa fi muka cufaa laalaa. Yo innii baala baase, akka caamsaan dhi'aate inbeettan. Akkasuma, yo waan kana ka ta'aa argitan, akka Mootummaan Waaqaa dhi'aatte beettan. Dhugumaa waan anin isanitti himuu, haga wantii kun cuftii guutamtuutti dhalootii kun hindabru. Lafaa fi gubbaan indabartii, dubbiin tiyya ammoo hindabartu” jedhe. “Ammoo, akka garaan keessan waan quuftan, machiitii fi dhiphuu lafa tanaa hinheregne, akka guyyaan sun akka xuruuraa tassa isan irra hinbuune ufi eegadhaa; wantii akkanatiif guyyaan sun nama lafa irra jiruu cufaatti dhufa. Yo cufaa eegadhaa, akka waan dhufaa kana cufaa jalaa baatanii, ilma namaa dura ejaajjitan kadhadhaa” jedhe. Yesus guyyaa guyyaa Mana Waaqaa keessatti nama barsiisee, galgala galgala ammoo gara gaara, “Gaara Ejersaa” jedhanii dhaqee achi gubbaa bule. Namii cuftii ganama ka'ee akka isa caqasu Mana Waaqaa yaa'e. Jiltii Qixxaa Bukoo hinqamnee, ta Dabarsaa jedhan, dhi'aattee, jennaan qaallolee gugurdoo fi jarii seera beeku waan biyya soddaateef, karaa Yesus ijjeesaniin barbaade. Jennaan sheexanii Yihudaa Keriyot jedhan, ka jara kudhanii lamaa kaan keessa jiruutti gale. Jennaan Innii dhaqee, akka Yesus harka warratti kennu, qaallolee gugurdoo fi warra gugurdaa warra mana kadhaa eeguu waliin dubbate. Warriilleen gammadee, akka horii isaa kennan waldhaqan. Yihudaan hataatuu jedhee, akka dhossaan Yesus harka warratti kennu herrege. Guyyaan Qixxaa Bukoo hinqamnee, ka hoola Dabarsaa qalan geennaan, Yesus Phexrosii fi Yoh. aannis ergee, “Beenaa, akka sagalee Dabarsaa nyaannu nuu qopheessaa!” jedhe. Warrii, “Akka nu eessaatti qopheessun feeta?” jedheen. Innii deebiseefii, “Yo dira duuddanii nama dhiiraa ka buttee bisaanii baatuun baatanii, haga mana innii seenuu isa gula yaa'a. Abbaa manaatiin Aabboon, ‘Manii keessummaa, ka anin sagalee Jila Dabarsaa jara kiyya waliin keessatti nyaadhu meeti? Siin jedha’ jedhaa. Namii sun mana gubbaa aanu ka mi'a qabu isan garsiisaa, achitti qopheessaa!” jedheen. Deemanii akkuma innii jedhe arganii, sagalee Dabarsaa achitti qopheessaan. Fulaan gololaa geennaan, Yesus jara isaa waliin taa'e. Innii warraan, “Anin adoo hingaargallee, akka sagalee Dabarsaa tana isan waliin nyaadhu dharraa guddoo qaba. Anin akka haga sagaleen Dabarsaa Mootummaa Waaqaa keessatti qixxooftuuti, sagalee Dabarsaa itti deebi'ee hinnyaanne isanitti hima” jedhe. Jennaan innii muduunuu fuudhee Waaqaa galata galchee, “Hoodhaa fudhadhaa qoodadhaa! Anin akka ammaa jalqabee, haga Mootummaan Waaqaa dhuftuutti deebi'ee bisaan weynii hindhunne isanitti hima” jedhe. Jennaan innii qixxaa fuudhee, Waaqaa galata galchee, caccabsee, warratti kennee, “Kunin nafa kiyya ka marroo teessaniif kennan, waan kana tolchaa na qaabadhaa!” jedhe. Akkasuma eegii gololfatan muduunuu fuudhee, “Muduunuun tunin ta dhiiga kiyyaa, ka isanii jissan, ka kakuu waldhaqisa haaraa. Ammoo laalaa! Harkii nama na gurguruu xarapheezaa kana gubbaa na waliin jiraa. Ilmii namaa akkuma durii herreganiif deema, ammoo nama isa gurguru sunii, gaargala!” jedhe. Warrii walgaafatee, “Nuu kana keessaa eentuu waan kana tolcha?” jedhe. Warrii ergamtootaa ammoo, “Nuu kana keessaa eennuutti guddaa?” jedhee walmorke. Jennaan Yesus warraan, “Aadaa lafaa gula hayyootii biyya moohatti, ammallee jaallaba warraatiin, ‘Warra guddoo nama qarqaaru’ jedhan. Isan ammoo akkasiiniti, namii isan keessaa nama cufaa irra guddaa akkuma maandhaa ha ta'uu, ammallee namii nama dura deemu akkuma hojjataa ha ta'uu. Nama sagalee nyaataa taa'u moo ka gololchuutti irra jira? Nama sagalee nyaataa taa'uunitii? Anin ammoo jidduu teessan keessatti akka nama nama gololchuu jira. Isan rakkoo tiyya cufa keessa yaayyuu na waliin teettan. Akkuma abbaan kiyya hayyummaa naa qoodee, anilleen isanii qooda. Isan xarapheezaa kiyya gubbaatti nyaattanii dhuddan, barcumaa guddinnaa irra teettaniitti gosa kudhanii lamaa ta Israa'elitti murtan” jedhe. Yesus, “Simoon, Simoon, laal, sheexanii, ya akkuma dargaayyee hafarsan isan hafarsuuf kadhatee argatee, Anin ammoo akka dhugeeffachaan tantee hinhanqanne ya sii kadhadhee, atin yo gara kiyya deebite, obboleeyyan tantee jabeessi” jedhe. Phexros deebisee, “Aabboo, anin fulaa hidhansaatii fi du'aallee si waliin akka deemuu kurfoo jira” jedhe. Yesus deebisee, “Phexros, anin sitti himaa, ardha haga atin marroo sadii ‘Anin si hinbeekuu’ jettee na mormattuutti kormii lukkuu hiniyyuu” jedhe. Jennaan Yesus warraan, “Gaafa anin korojoo, subbaa fi kophee malee isan ergee homaa la dhabdanii?” jennaaniin warrii, “Hiyyoo homaa hindhamine” jedhe. Yesus ammoo deebisee, “Amma ammoo namii subba qabu ha fuudhatuu, ka gorjoo qabuulleen ha fuudhatuu, ammallee namii goraadee hinqamne ha wayaa ufii gurguree bitatuu, anin isanitti himaa, qoonqoon Waaqaa ta, ‘Innii warra cubboolee waliin hedhame’ jettu, naan guutamuu malte, maaliif wantii kiyya ka barreessan cuftii inguutamti” jedhe. Warrii, “Aabboo, laal, goraadee lamaatti arma jiraa!” jennaan inniilleen deebisee, “ingeetti” jedhe. Yesus achii deemee, akkuma amala isaa gara Gaara Ejersaa dhaqee, jarii isaalleen isa gula yaa'e. Arti ga'e jennaan warraan, “Akka ilaalachaa keessa hinduun kadhadhaa!” jedhe. Haga darba dhakaa warra biraa deemee, jilbiiffatee, “Ee Aabboo, yo feete, muduunuu gaargalaa tana narraa fuudhi; ammoo akka fedhii tiyyaa adoo hinta'in, akka fedhii tanteetii ha taatuu!” jedhe. Yoosuma Ergamaan Waaqaa tokko gubbaa isaatti mullatee garaa isa jabeesse. Innii waan guddoo gaargala qabuuf guddissee kadhatee, danfii isaa akka dhiigaa lafaatti gad coccophe. Kadhachaa irraa ka'ee gara jara ufii dhufee, warra marroo laaleffachaatiif rafu argee, “Maaf raftan? Ka'aa, akka ilaallachaa keessa hinduune kadhadhaa!” jedheen. Adoo Yesus ammallee dubbachuu jiruu gumiin dhuftee, jara kudhanii lamaan keessaa tokko ka Yihudaa jedhan, warra dura deemaa dhufee, innii akka isa dhungatu Yesusiitti hiiqe. Yesus ammoo, “Yihudaa, atin ilma namaa dhungoon gurgurattaa?” jedheen. Jarii isa waliin jiru waan kana arginaan, “Aabboo, goraadeen dhoomnaa?” jedhe. Warruma keessaa namii tokko hojjataa qaallicha guddaa dha'ee, gurra mirgicha irraa kute. Yesus ammoo, “Lakkisaa, waan akkana itti hindeebi'inaa” jedhee gurra isaa tuqee fayyise. Jennaan Yesus qaallolee gugurdoo, warra gugurdaa warra Mana Waaqaa eeguutii fi maanguddoota biyyaa warra isa qabu dhufeen, “Akka waan hattuu qabdanii goraadee fi bokkuun dhuftanii? Guyyaa cufa ka anin Mana Waaqaa keessa isan waliin jiru, takkuma harkaan na hintundhe. Amma ammoo fulaan tun teessan, ammallee ta jabeenna dukkanaati” jedhe. Jennaan Yesus qabanii gara mana qaallicha guddaa geessanii, Phexros ammoo irraa fagaatee duuba deeme. Fulaa warrii ibidda cichaa duratti bobeessee taa'ee waliin qanqaamatuutti, Phexros jidduu warraa keessa taa'e. Adoo innii fulaa ibsee ibiddaa taa'uu, intaltii takka isa gartee, ila itti qabdee biyyan, “Namichii kuniilleen isa waliin jira” jette. Innii ammoo mormatee, “Intala, anin isaayyuu hinbeeku” jedhe. Diqqumaa turraan eegee namii dhibiilleen isa argee, “Atinlleen nama isaatiiyyuu!” jennaaniin Phexros, “Lakkii abboo, anaanitii” jedhe. Haga saatii tokkoo teennaan namii dhibiin ammallee dubbii tana quufuu didee, “Dhugumaa namichii kunin isa waliin jira, innii nama Galiilaatii” jedhe. Phexros ammoo, “Abboo, waan atin jettu anin hinbeeku” jedhe. Yoma sun, adoo innii dubbachuu jiruu, kormii lukkuu iyye. Aabboon garagalee Phexros millate, Phexros dubbii Aabboo ta innii isaan, “Ardha, adoo kormii lukkuu hiniyyin, atin marroo sadii na mormatta” jedheen taan qaabatee, alatti gad ba'ee guddoo laaleffatee bo'e. Jarii Yesus qabe kaan isa gooyyeessee dhane. Ilaallee hidhanii, “Eentu si dha'e? Raagii nutti himi!” jedhaniin. Waan hedduu itti dubbatanii arrabsan. Laftii bariinaan maanguddootti biyyaa, qaallolee gugurdoo fi jarii seera beekuulleen walwalda'ee, Yesus koraatti geessanii, “Atin yo Kiristoo taatee, nutti himi!” jedhaniin. Innii ammoo deebisee warraan, “Yo anin isanitti himeellee hindhugeeffattan, yo anin isan gaaffadheellee natti hinhimtan, ammoo armaa achi ilmii namaa jabeenna Waaqaa keessa harka mirgaa taa'a” jedheen. Warrii cuftii, “Ati ilma Waaqaatii ree?” jedhee gaafattee, inniilleen, “Isanuu ya akkas naan jettan” jedhe. Jennaan warrii, “Waan innii afaan uftiin jedhe, nuu ya dhageennee, dhugaa dhibii maan irraa feenna?” jedhe. Gumiin cuftii kaatee Yesus Philaaxositti geesitee, himachaa itti kaa'atee “Namichii kunin gosa teenna yakkee ‘Hayyicha Roomaa Qiisarii qaraxaa hinbaasiinaa’ jedhe; ammallee isaa, anin Kiristoo hayyuu ufiin jedhu dhageenne” jette. Jennaan Philaaxos, “Ati hayyuu Yihudootaatii?” jedhee isa gaafate innii, “Atuu ya jette” jedhee deebiseef. Jennaan Philaaxos qaallolee gugurdoo fi gumiin, “Anin wallaala nama kana irratti hingarre” jedhe. Warrii ammoo isa irratti didee, “Innii biyya yakkee lafa Yihudaa cufa keessatti, haga Galiilatii fi haga armaallee barsiisaa” jedhe. Philaaxos dubbii tana dhageennaan akka namii kun nama Galiilaa gaafate. Akka innii hayyuu Herodis jala jiru dhageennaan Herodisitti erge; Herodis ammoo yo sun Yerusaalem jira. Herodis Yesus arginaan guddoo gammade; waan haguma durii oduu isaa dhagayee isa arguu fedheef; ammallee waan waan mamaa ta Yesus tolchu arguu fedheef. Duuba gaafii hedduu isa gaafate, Yesus ammoo homaa itti hindeebimne. Qaallolee gugurdoo fi jarii seera beeku bira ejaajjee, dubbii jabduun Yesus himate. Herodisii fi warrii waraanaa ka isaalleen Yesus tuffatanii gooyyesanii, wayaa dansaa itti uyyisanii Philaaxosiitti deebisan. Guyyuma sun Philaaxosii fi Herodis warrii durii walii nyaaphaa, waldhaqanii jaala walii ta'an. Philaaxos qaallolee gugurdoo, jara gugurdaa biyya bulchuu fi biyya yaamee, “Isan nama kana nattiin dhuftaniitti, innii nama walti yakke jettanii isa himattan. Anin isanuma duratti gaafannaan jallu isan isa himattaniin tokkoollee irratti hingarre, Herodisiilleen akkasuma homaa irraa dhabe, tanaaf innii isa nutti deebise. Wantii innii tolche ta du'uu maleef tokkoolleen hinjirtu. Tanaaf anin isa dhaneetti galakkisa” jedhe. Philaaxos guyyaa jila dabarsaa cufaa nama tokko hiikuu male. Gumiin cuftii iyyitee, “Nama kana nurraa balleesii, Barabbaa nu hiikii” jette. Barabbaa, waan innii dira keessatti lola baasee nama ijjeeseeef hidhan. Philaaxos, waan Yesus hiikuu fedheef, ammallee warratti dubbatee, warrii ammoo, “Fannoo gubbaatti isa fannis, isa fannis!” jedhee itti iyyee. Philaaxos marroo sadeessoo, “Maaliif? Waan hamtuu maan tolche? Anin waan tokkollee ka innii du'uu maleef hingarree, tanaaf anin dhaneetti isa hiika” jedhe. Warrii ammoo jabbeessee qoonqoo guddoon iyyee, akka Yesus fannisaniif kadhate. Eegee iyyantii warraa isa dabsatee, Philaaxos akka waan warrii fedhu tolchan mure. Innii nama warrii fedhu, ka waan lolatii fi waan ijeechaatiin hidhan kaan hiikee, Yesus ammoo akka waan fedhan tolchan harka warratti kenne. Adoo isa fuudhanii geessanuu, namicha biyya Qareenaa ka Simoon jedhan tokko, ka gara oobruuttii dhufuu jiru qabanii, akka innii fannoo baatee Yesus gulaan deemu irra kaa'an. Gumiin guddoon isa gula yaate, gumii sun keessaa ammoo nadheen laalefattee isaa bootteetti jira. Yesus gara isaanii garagalee, “Dubra Yerusaalem, naa hinboo'iinaa, ammoo ufii fi ilmaan teessanii boo'aa; wantii akkanatiif Guyyaan maseenaa fi nadheen takka dhaltee ilmee hinhoosisiin ta eebbifamte jedhan indhufa? Gaafas gaarreeniin, ‘Nurraatti jigaa!’ kubiilleen, ‘Nu dhossaa!’ jedhan. Yo waan kana adoo mukii dottaatuu tolchan, gaafa mukii gogogge maan taati?” jedhe. Ammallee nama lamaatti ka wa yakkee, isa waliin ijeechaa geessan jira. Fulaa Buqqee Mat. aa jedhan geennaan, achitti fannootti isa fannisan. Jara lamaan tokko ka wa yakkeellee, tokko gama mirgaatti kaan ammoo gama bitaatti fannisan. Yesus, “Aabboo, warra kanaa araaram, waan tolchuu jiran hinbeekanii” jedhe. Warrii ammoo wayaa isaa hixaa buufatee qoodate. Biyyitii olejaajjitee daawwatte; jarii gugurdaan Yihudootaa isa gooyyeessee, “Innii yo Kiristoo Waaqii foohate ta'e, nama dhiibii la baasee ufi ha baasuu” jedhan. Warrii waraanaalleen isa akkeessee daadhii singigooftuu itti kennee, “Atin yo hayyuu Yihudootaa taatee ufi baasi” jedheen. Barruu tana mataa isa gararootti barreessanii, “Kunin hayyuu Yihudootaa” jedhan. Jara wa yakkee achitti fannisan lamaan keessaa tokko Yesus gooyyeesee, “Ati Kiristoonitii? Ufi baasii, nullee baas!” jedheen. Kaan ammoo isa dhowwee, “Ati adoo sii fi isaallee muraan teessaan takkaa taateellee Waaqaa hinsodaattuu? Nu dhugumaa nutti muraan; gatuma waan hujii teennaa arganne; namichii kunin ammoo homaa hin yakkine!” jedhe. Jennaan Yesusiin, “Yesus, yo guddinna kankee seentu na qaabadhu!” jedhe. Yesusilleen deebisee isaan, “Anin dhugumaan, sitti himaa, ardha atin na waliin mootummaa Waaqaa keessa teetta” jedheen. Laftii guyyaa guddaa geennaan aduun ibsuu lakkichee haga saafa'aa dukkanoofte. Gollii Mana Waaqaa jidduutti fulaa lamaatti gargaarii tarsa'e. Yesus qoonqoo guddoon lallabee, “Aabboo, lubbuu tiyya harka kankeetti lakkisa!” jedhee ciche. Guddaan warra waraanaa waan ta'e arginaan, “Namichii kunin dhuguma nama qajeelaa!” jedhee Waaqaa faarse. Gumiin daawwachuu dhufte cuftii waan ta'e arginaan mataa gingilfachaa gara mana ufii galte. Jaallan isaa cufaa fi nadheen Galiilaa ta isa gula dhufteelleen fagoo irraa ejaajjitee waan kana daawwatte. Duuba namichii kunin gara Philaaxos dhaqee, reeffa Yesus kadhate. Jennaan fannoo irraa gabuusee, wayaa marduufaatiin mammaree, goda dhakaa ka takka nama itti hinawwaaliin keessatti awwaale. Guyyaan sun guyyaa Kurfeeffachaa, guyyaan Sanbataalleen la dhi'aate. Nadheen haga lafa Galiilaa isa gula dhuftee dhaxxee awwaala agartee, akka reeffa ciifsisaniillee lalte. Jennaan dachatee, waan urgooftuu fi dhadhaa qayya qabu midhasitee, guyyaa Sanbataa ammoo akkuma seerii jedhu boqatan. Boriiyya guyyaa qaraa ka torbaan sunii guyyaa Sanbataa, baraaqa dheeraa, nadheen taan gara awwaalaa dhaxxee, waan urgooftuu midhassan geessite. Dhakaa awwaala irraa gangalchan argitee, keessa duunnaan reeffa Aabboo Yesus dhabde. Adoo isiin waan kana mamtuu, namii lama, ka wayaa bibillixxuu qabu, tasa warra bira ejaajje. Nadheen guddoo sodaattee, lafa lalaltee jennaan warrii kaan ammoo, “Maaf nama jiru awwaala keessa barbaaddan? Innii arma hinjiru la ka'ee. Waan gaafa Galiilaa jiru innii isaniin jedhe qaabadhaa, ‘Ilma namaa harka nama dabaatti kennanii fannisanii, guyyaa sadeessoo ka'uu male’ jedhe” jedhaniin. Warrii dubbii isaa qaabatee, awwaala biraa yaa'ee, waan kana cufa jara kudhanii tokkotii fi jara dhibiilleetti hime. Nadheen waan kana ergamtootaatti himtee, Maariyaam Magdalaa, yo'anaa, Maariyaam haadha Yaqoobiitii fi nadheen dhibii ta warra waliin jirtu. Jechii kunin ammoo oduu dharaa warratti fakkaatee dhugeeffachuu didan. Taatuullee Phexros ka'ee gara awwaalaa utaalee, dhaqee gajedhee awwaala keessa millatee, marduufa kaan ka kopha jiru argee, ka'ee galee, waan ta'e kana maadeffate. Guyyuma sun warra keessaa namii lama gara ollaa tokko ka Emaahus jedhan, ka haga kiilometerii kudhanii tokkoo (yokaan karaa miilan haga saatii lamaa fagaatu.) Yerusaalem irraa fagaatu dhaqe. Warrii waan ta'e kana cufaa waliin haassa'e. Adoo walgaafatanii haasa'aanuu, Yesus warratti dhi'aatee waliin deeme. Iltii warraa ammoo saphuphooftee, fuula isa wallaalan. Innii warraan, “Dubbiin isan adoo karaa yaatanuu hassooftan tun maan?” jennaan, oodanii achuma ejjaajjan. Jara keessaa namichii tokko, ka Qileyopha jedhan, “Namii Yerusaalem keessa jiru, ka waan dhiyoo tana achitti ta'e hindhaga'iin si qofaa?” jedhee gaafate. Innii, “Waan akkam?” warraan jennaan warrii, “Waan Yesus Naazreetii, ka waan tolchanii fi waan dubbataniilleen Waaqaa fi nama cufaa duraalleetti raaga guddaa ta'e. Qaallolee gugurdoo fi jarii gugurdaan lafa bulchu qorsumaatti geessee, du'a itti muranii muka irratti fannisan. Nu ammoo qaraa akka innii Israa'el baasuu abdanne. Tana maleellee haga wantii kunin taatee, ardhittii guyyaa sadeessoo. Ammallee, gumii teennaa keessaa nadheen garii diirama kana gara awwaalaa dhaxxee guddoo nu mamsiifte. Reeffa isaa dhamnaan dachaatee, ergamtoota gubbaatti nutti mullatee, ‘Innii hinjira’ nuun jedhe” jette. “Jarii garii ka nu waliin jiru gara awwaala dhaqee, akkuma nadheen jette argee, ammoo isa dhabe” jedhe. Jennaan Yesus warraan, “Isan akkam daallee ka waan raagii jedhe hurriftanii hindhugeeffanne. Kiristoon akkana gaargalee duuba guddinna ufii seenu hinmalee?” jedhe. Haga Musee fi raagota cufaa itti keeyyatee, waan isaa ka kitaaba keessatti barreessan cufaa warraa diige. Ollaa itti ya'anitti dhi'aanaan, innii akka waan dabruu fedhuu ta'e. Warrii ammoo, “fulaa teenna bul, aduun la dhiyu geettee, guyyaan amma alatti hinhamne” jedhee isa sobate; tanaaf innii warra waliin buliisa ta'e. Warra waliin sagalee nyaatanii tataa'anii, jennaan qixxaa fuudhee eebbisee, caccabsee qoode. Jennaan iltii warraa banamtee isa beekanii, innii ammoo warra duraa miliqe. Warrii, “Yo karaa keessatti nuun haasa'ee waan barreessan nuu diigee, garaan nu boba'eeyyuu?” waliin jedhe. Yoma sun ka'aan Yerusaalemitti dacha'an; jara kudhanii tokkootii fi jara warra waliin jiru ka wali walda'ee, “Dhugumaa Aabboon yaayyu ka'ee, Simoonitti mullate” jedhu argan. Jennaan warrii waan karaa keessatti ta'e haasa'e; akka innii qixxaa cabsee jennaan warrii isa beeke. Adoo warrii waan kana haasa'uu, Yesus jidduu warraa ejjee, “Nageeni isanii ha ta'uu” jedhe. Warrii waan ekeraa arge se'ee sodaatee na'e. Innii ammoo warraan, “Maaf naatan? Maaf garaa keessan keessatti birreeffattan? Akka namii na'aa harkaa fi miila kiyya laalaa, ana matuma kiyya! Mee na qabadhaa laalaa, akka ekeraan akka kiyya kana nafaa fi lafeellee hinqamne inbeettanii” jedhe. Akkas jedhee harkaa fi miila garsiise. Warrii waan guddoo gammadee mameef, akkanan dhugeeffachuu dadhabee, innii, “Waan nyaatan armaa qabduu” jedhee gaagate. Warrii qurxummii diqqqoo tokko ta waddan itti kennee, innii fuudhee warra duratti nyaate. Duuba innii warraan, “Tunin dubbii tiyya ta anin adoo isan waliin jiruu, wantii kiyya ta kitaaba seera Musee, ka raagootaatii fi ka Faaruu keessatti barreessaniilleen cuftii guutamuu malte jedhee isanitti hime” jedhe. Jennaan innii akka waan barreessan hubatan, qalbii warraa banee, Wantii barreessan tana; “Kiristoon gaargalee guyyaa sadeessoo du'aa ka'uu male, akka irraa deebii fi araarama cubbuu maqaa isaatiin Yerusaalemii itti keeyatanii gosa cufaatti himuu malan. Isaniilleen dhugaa waan kanaati. Kunoo, waan Abbaan kiyya isan abdachiisee anin isanii ergaa; ammoo haga jabeennii gubbaa isanii gadhufuutti dira keessatti eegaa” warran jedhe. Jennaan haga Bitaaniyaa warra geessee, harka lachuu olfudhatee warra eebbise. Innii adoo warra eebbisuu jiruu biraa deemee gubbaatti oldeebi'e. Jennaan warrii isa ulfeessee, gammadaan Yerusaalemitti dacha'ee, yo cufaa Mana Waaqaa keessatti Waaqaa faarse. Durii qaraa fiixee dubbii jira. Dubbiin sun Waaqaa waliin jirti; dubbiin sun Waaqa. Innii qaraa Waaqaa waliin jira. Waan cufaa Waaqii isaan uume, wantii tokkolleen ta isa malee uumamte hinjirtu. Isa keessa jireennaa jira, jireennii sun ibsee namaati. Ibseen dukkana keessatti in ibsiti, dukkantii ammoo takka hindhaanfine. Waaqii nama tokko ka Yoh. aannis jedhan ergee, Innii waan dhugaa himuu dhufe, akka ibsee sun dhugeessee namii cuftii dubbii isaa gula dhugeeffatu. Innii ufii ibseeniti, ammoo ibsee sun dhugeesuu dhufe. Ibseen dhugaa, ta nama cufaa ibsituu, lafaatti dhufu jirti. Innii qaraa lafa jira. Laftii isaan uumamte, laftii ammoo fuula isa hinbaranne. Innii lafa ufiiti dhufee, ammoo gochii isaa isa didde. Ammoo nama isa fudhatee maqaa isaa dhugeeffate cufaa innii akka ijoollee Waaqaa ta'an jabeenna kenne. Warrii sun fedhii namaa gula hindhalanne, yokaan namii warra hindhallee, ammoo Waaqaatti warra dhale. Dubbiin nama taatee, jiddu teenna teetee, nu guddinna isaa agarre, akkuma guddinna ilma tokkochaa ka gara Abbaattii ba'ee, eebbaa fi dhugaan guutamee. Yoh. aannis isaa dhugeessee, qoonqoo olfudhatee, “Kunin ka anin waan isaa dubbadhee, ‘Innii faana tiyya dhufa, ammoo narra guddaa; adoo anin hindhalatin innii duruu jira’ ” jedhe. Eebbitii isaa qixee, yo cufaa guddoo nu eebbisa. Waaqii seera ufii Muuseen namaa kennee, ammoo eebbaafi dhugaan karaa Yesus Kiristootiin dhufte. Namii tokkolleen takka Waaqaa hingarre, ilma tokkochaa, ka Abbaan takkaa, ka dhaattuu Abbaa taa'u malee, isaatti Waaqaa nama beesise. Jennaan jarii gugurdaan Yihudaa ka Yerusaalem, qaallolee fi warra Lawwii Yoh. aannisiitti ergee, “Atin eennuu kana?” jedhee gaafate. Innii diideesee itti himee, “Anin Kiristooniti” jedheen. Jennaan, “Ati eennu ree? atin Eliyaasii?” jedhanii isa gaafatan. Innii ammoo, “Anini isaaniti” jedhe. Warrii “Atin raaga kaanii ree?” jennaan, “Hiyyoo!” jedhee deebiseef. Duuba, “Atin eennu ree? Waan deebinee warra nu ergeeti himnu nutti himi. Atin eennu ufiin jetta?” jedhan isa gaafatan. Yoh. aannis deebisee, “Akkuma raagii isaayaas dubbatee, ‘Anin qoonqoo nama lafa gammoojjiitii iyyuu, ta karaa Aabboo qajeelchaa’ jettu” jedhe. Warrii isaatti ergan fariisota. Duuba warrii Yoh. aannis gaafatee, “Atin yo Kiristoo yokaan, Eliyaas yokaan raaga ka hinta'iinii? Maaf aadaa cuuphamaa namaa kennita ree?” jedhanii isa gaafatan. Yoh. aannis deebisee, “Anin bisaaniin nama cuupha, ammoo jidduu teessan keessa nama isan hinbeenneetti ejja. Innii eegee tiyya dhufa, anin ammoo seemsaa kophee isaallee itti dhi'aadhee hiiku hinmalee” jedhe. Waan kana cufaa Bitaaniya keessatti, galaana Yordaanos gama ila boruu fulaa Yoh. aannis nama itti cuupheetti tolchan. Boriyyaa Yoh. aannis adoo Yesus gara isaa dhufuu jiruu argee, “Laalaa, hoolaa Waaqaa ka cubbuu nama lafaa cufaa fudhatu. ‘Kunini nama anin, nama narra jiruuti faana tiyya dhufa, adoo anini hindhalatiin innii duruu jira’ jedhe kaan. Anuu qara isa hinbeeku, ammoo akka innii Israa'elitti mullatuuf bisaaniin nama cuuphuu dhufe” jedhe. Ammallee Yoh. aannis dhugeese, “Anin Hafuura qulqulloo akka sabaliisaa jiru, ka gubbaa gadi bu'ee isa gubbaa ta'uu arge. Anin isa hinbeeku, ammoo Waaqii ka akka anin bisaaniin nama cuuphuu na ergee, ‘Atin Hafuura qulqulloo gubbaa gadi bu'ee nama gubbaa taa'uu agarta; namii sun ka Hafuura qulqulloon nama cuuphu’ naan jedhe. Anuuyyuu akka kunin Ilma Waaqaa yaayyuu argee dhugeese” jedhe. Jara Yesus qaraa foohate Boriyyaa Yoh. aannis adoo jara ufii nama lama waliin jiruu, Yesusii deemuu jiruu millatee, “Laala Hoolaa Waaqaa!” jedhe. Jarii lamaan kaan waan innii jedhe dhageennaan Yesus gula yaa'e. Yesus garagalee, warra isa gula yaa'uu arginaan, “Maan barbaaddani?” jedhee gaafate. Warrii ammoo, “Rabbii, eessa bulta?” jedhee deebiseef (Rabbii jechuun Barsiisaa jechuu.) Innii, “Koottaa, laalaa!” jedhee deebiseefii, warrii dhufee fulaa innii bulu argee, guyyaa sun isa waliin oole; yo'ii sun gara saatii kudhanii kana. Jarii lamaan dubbii Yoh. aannis jedhe dhaga'ee Yesus gula ya'e, sunii tokko Indriiyaas, obbooleessa Simoon Phexros. Innii obbooleesa ufii Simoon barbaadee, “Nu Masiihi ya agarre” jedhee itti hime. (Masiihi jechuun Kiristoo jechuu). Jennaan gara Yesusiitiin dhufe. Yesus isa laalee, “Atiin Simoon, ilma Yoh. aannsii, ammoo armaa achi, ‘Keefaas’ siin jedhan” jedheen. (Keefaas jechuun Phexros yokaan dhakaa jechuu). Yesus Filiphossii fi Naataanaa'el yaama Boriyyaa Yesus Galiilaa dhaquu ka'ee, Filiphos arginaan, “Na gula kootti” jedheen. Filiphosii, Indriiyaasii fi Phexrosiilleen nama dira takkaa; ka dira warraa maqaan Betesayidaa. Filiphos Naataanaa'eli argee jennaan, “Nu namicha Muuseen waan isaa kitaaba seeraa keessatti barreese, ka ammallee raagootiilleen kitaaba ufii keessatti barreesite ya agarre, innii nama Naazireeti, Yesus ilma Yoseef” jedheen. Naataanaa'eli, “Wantii dansaan dandeettee Naazireet keessaa inbaatii?” jedhee Filiphos gaafate. Filiphos ammoo, “Koottii laali!” jedhee deebiseef. Yesus adoo Naataanaa'el gara isaa dhufuu jiruu argee, “Me laalaa nama israa'eli ka dhugaa, ka dhartii tokkolleen isa keessaa hinjire” jedhee waan isaa dubbate. Naataanaa'eli, “Akamiin na beetta? jedhee Yesus gaafate. Yesus deebiseefii, adoo Filiphos si hinyaamiin sii odaa jala teettu si arge” jedheen. Jennaan Naataanaa'eli, “Barsiisaa atin Ilma Waaqaa atin hayyuu Israa'el!” jedheen. Yesus deebisee, “Waan anin ‘Adoo atin odaa jala teettuu si arge’ jedheef dhugeeffattaa? Waan guddoo tana irra jiraa agartaa” jedheen. Jennaan itti ida'ee, “Anin dhuguma dhugaatiin, isanitti himaa, armaa achi gubbaa banamtee, ergamtootii Waaqaa olii gadi yaatee ilma Namaa irra buutu agartani” jedheen. Guyyaa sadeessoo dira Qaanaa, ka lafa Galiilaa keessa, fuudhaa jira; haatii Yesus achi dhaxxe. Yesusii fi jara isaallee jila fuudhaatti yaaman. Daadhiin waynii hobbaanaan, haatii Yesus, “Warrii daadhii waynii hinqabu” jettee Yeusiitti himte. Yesus ammoo, “Haadoo atin maan narraa qabda? fulaan tiyya hingeenne” jedheen. Haatii isaa hojjattootaan, “Homa innii tolchaa isaniin jedhuu cufaa tolchaa!” jetteen. Okkotee faaraa ja'aatti, ta warrii Yihudii akka aadaa warraa ta qulqulleessaa gula, bisaan keessa dhiqatuutti, achi ejaajja; ta isiin takkattiin buttee afurii shan yokaan diddamaa soddoma qabattu. Yesus warraan, “Bisaan okkotee guguutaa” jedheen jennaaan, warrii guguutee xuxuxuphe. Jennaan Yesus, “Waraabaa, abbaa gololaatti geessaa!” jedheenii, itti geessaan. Namichii bisaan kaan, ka amma daadhii ta'e une. Ammoo fulaa daadhiin baateef, warra bisaan waraabe sunii beeka malee, namichii hinbeeku. Jennaan abbaan gololaa abbaa fuudhaa yaamee “Namii cuftii qaraa daadhii dansaa namaa kenneettii, duuba eegii namii dhugee quufee, ta hagasi hingeennee namaa kenna. Atin ammoo daadhii irra dansaa eegeetti hambiftee amma namaatti kennita” jedhe. Akeekii kun ka qaraa Yesus, dira lafa Galiilaa ka Qaanaa jedhan keessatti tolchee, achiitti guddinna ufii garsiisee, jarii isaa isaatti dhugeeffate. Eegii waan kanaa Yesus haada isaa, obboleeyyaan isaatii fi jarii isaallee waliin Qifirnaahomiitti gadi bu'ee, bultii diqqoo tokko achi taa'e. Jiltii Dabarsaa ta warra Yihudii dhi'aannaan, Yesus Yerusaalem dhaqe. Mana Waaqaa keessatti nama loon, hooliyyee, sabaliisa gurguruu fi, warra horii jijjiiruullee, ka hujjii ufii hojjatu arge. Innii lichoo funnoo midhaaffatee, warra cufaa hooliyyee fi loon isaanii waliin mana Waaqaa keessaa gussee, horii jara beesee jijiiruu cufaa jissee, xerepheesaallee garagagaliche. Warra sabaliisa gurguruun ammoo, “Waan kana armaa balleessaa! Mana Abbaa kiyyaa mana gabaa hintolchinaa” jedhe. Jarii isaa waan durii kitaaba keessatti barreessan, ta “Mar. roo mana keetitii fi garaan na gubata” jettu qaabate. Jennaan warrii Yihudii, “Atin ka waan kana cufaa tolchitu akeeka kami nu garsiifta?” jedhee gaafate. Yesus deebisee warraan, “Isan Mana Waaqaa kana cabsaa! Duuba anin guyyaa sadiitti deebisee jaaraa” jedhe. Jennaan warrii Yihudii, “Mana kana ganna afurtamii ja'aa keessatti jaaraanii, atin guyyaa sadii keessatti dandeettee jaartaa?” jedhee gaafate. Manii innii baanee ammoo nafa isaati. Eegii innii du'a keessaa ka'ee, jarii isaa akka innii waan kana jedhe qaabatee, barreesii fi dubbii Yesus jedheellee dhugeeffate. Akka Yesus nama cufa beeke Adoo Yesus Yerusaalem jiruu, gaafa Jila Dabarsaa jedhan, namii hedduun akeeka innii tolche arginaan, maqaa isaatti dhugeeffate. Yesus ammoo warra ufiiti hinquumne; wantii akkanaatiif innii nama cufaa inbeeka, Ammallee innii waan waan nama cufaa keessa jiraa beekuuf, nama tokkollee ka waan namaa isaatti himu hinfeene. Fariisoota keessa namicha Niqoodemos jedhan tokkootti jira; innii guddaa warra Yihudii. Innii halkaaniin gara Yesus dhufee, “Rabbii, akka atin barsiisaa gara Waaqaatii dhufee, nu inbeenna; waan namii tokkolleen, yo Waaqii isa waliin jiraate malee, akeeka atin tolchitu kana danda'ee hintolchineef” jedheen. Yesus, “Anin dhuguma dhugaatiin, isanitti himaa, yo marroo lameessoo dhalate malee, namii tokkolleen danda'ee Mootummaa Waaqaa hinargu” jedhe. Niqoodemos, “Namii eegii jaaree akkamiin danda'ee dhalata? Danda'ee marroo lameessoo garaa haadhaatti deebi'ee indhalataa?” jedhee Yesus gaafate. Yesus deebisee, “Anin dhuguma dhugaatiin sitti himaa, namii yo bisaanii fi Hafuura Qulqulloon dhalate malee, danda'ee Mootummaa Waaqaa hinseenu. Nafii nafa dhalaa, hafuurii hafuura dhala. Waan anin marroo lameessoo dhalachuu maltan, isaniin jedheef hinmaminaa. Bubbeen gara ufii feetu deemti; atin shaawisaa isii dhageetta malee, gara isiin dhuftuuf yokaan gara isiin deemtu hinbeetu. Namii hafuuraan dhalatuulleen cuftii akkasuma jira” jedhee deebiseef. Niqoodemos, “Wantii kun akkam dandeettee taati?” jedhee gaafate. Yesus deebiseefii, “Atin barsiisaa Israa'el taatee, haga ammaallee waan kana hinmidhaaffannee? Anin dhuguma dhugaatiin, sitti himaa, nu waan beennu dubbannaa, waan arginne dhugeesinna, isan ammoo dubbii teenna dhugeeffachuu diddani. Yo waan lafaa, ka anin isanitti himee hindhugeeffatinii, akkam dandeettanii waan gubbaa ka anin isanitti himu dhugeeffattanii? Ilma namaa tokkocha, gubbaa gad bu'e malee, namii tokkolleen ka takkuma gubbaa dhaqe hinjiru. Ilma namaallee akkuma Muuseen lafa gammoojjii keessatti bofa fannisee, akkasuma fannisuu malani, akka namii isaatti dhugeeffatu cuftii jireenna barabaraa argatu. Waaqii waan guddoo lafa jaalateefii, ilma ufii tokkocha namaa kenne, wantii akkanaatiif, akka namii isaatti dhugeeffatu cuftii jireenna barabaraa argata malee hinbanne. Waaqii ilma ufii akka wallaala namaatti muruuf lafaatti hinerginee, ammoo akka nama baasuuf erge. Nama isa dhugeeffatu wallaala itti inmurani; ka hindhugeeffanne ammoo, waan innii maqaa ilma Waaqaa tokkochaa dhugeeffachuu dideef duruu itti muran. Muraan suniilleen tana, Ibseen lafaatti dhufe, biyyitii ammoo waan hujjiin warraa hamtuu taateef, ibsee sun irra dukkana jaalatti. Namii waan hamtuu hojjatu cuftii ibsee jibba, akka hujjiin isaa hinmullanne, gara ibsee hindhufu. Namii waan dhugaa hojjatu ammoo ibseetti ba'a, akka akkasiin marroo innii Waaqaa saalfateef hujjiin isaa mullattu” jedheen. Eegii waan kanaa, Yesusii fi jarii isaa lafa Yihudaa dhaqee, Yesus achiitti jara waliin ta'ee nama cuuphe. Yoh. aannisiilleen gaafas Enon ta dhaattuu Saalemittii, nama cuuphuu jiraa; waan bisaan guddoon achii jiraaniif biyyiti gara isaa dhuftee innii warra cuuphe. Yoh. aannis gaafas mana hidhaansaa keessatti hinhinne. Jara Yoh. aannisiitii fi namichii Yihudii tokko waan aadaa qulqulleeffachaa walmormanii, jennaan warrii gara Yoh. aannis dhufee, “Barsiisaa namichii Yordaanos gama ila boruu si waliin jiru kaan, ka atin waan isaa dubbatte me laal, kunoo, inniilleen nama cuuphaa, namii cuftii gara isaa yaa'uu jiraa” jedhe. Yoh. aannis deebisee, “Namii waan Waaqii kenneef malee, danda'ee homaa hinargatu. Akka anin ‘Ani Kiristoonitii, ammoo isa dura na ergan’ ufiin jedhee isanuu dhugaa tiyya. Intaltii fuudhan tama abbaa fuudhuuti; ammoo namii fuudha gula dhaqee bira ejjee caqasa, yo qoonqoo isaa dhaga'ee ingammada. Tanaaf gammadii kiyya kunin ammatana la qixaa'e. Innii guddaatee, anin diqaachuu malee” jedhe. Nama gubbaa gad dhufu Namii gubbaa gad dhufuu, nama cufaa irra jira; ka lafa irra taa'uu, ka lafaati, ammallee waan lafaa haasa'a. Ka gubbaa gad dhufu nama cufaa irra guddaa. Innii waan argee dhaga'ee dhugeesa, ammoo namii tokkolleen ka dubbii isaa dhugeeffatu hinjiru. Namii dubbii isaa dhugeeffatu, akka Waaqii dhugaa dubbatu tanaan beesisa. Namii Waaqii erge sun dubbuma Waaqaa dubbata, waan Waaqii Hafuura ufii cufaa isaa kennuuf. Abbaan ilma jaalatee, waan cufaa harka isaatti kenne. Namii ilmaatti dhugeeffatu jireenna barabaraa qaba; namii ilmaatti dhugeeffachuu didu ammoo haguma jiruu jireennaallee jireenna hinargatuu, Waaqii haga jiruu jireennaallee isaatti dallana. Fariisootii akka Yesus Yoh. aannis irra nama hedduu ufiiti yaamee cuuphe dhageete. Yesus ammoo harka ufiitiin nama hincuuphne, jara isaati nama cuuphe malee. Yesus waan biyyitii jettu dhageennaan Yihudaa ba'ee Galiilaa dhaqe. Innii yo lafa sun dhaqu silaa Samaariyaa keessa dabruu malee. Jennaan dira Samaariyaa ka Siikaar jedhan tokko, ka oobruu qaraa Yaaqob ilma ufii Yoseefii kenne dhaattuu jiru tokkon ba'e. Eela Yaaqob tokkotti arti jira. Jennaan Yesus karaa deemee dadhamnaan, eela sun bira taa'e. Yo'ii sun guyyaa guddaa. Niitiin Samaariyaa tokko bisaan waraabbachuu dhumnaan Yesus, “Bisaan na obaasi” jedheen. (Jarii isaa yo sun yaayyuu sagalee bituuf dira dhaqe.) Niitiin Samaariyaa sun isaan, “Atin gosa Yihudiitii; anin niitii gosa Samaariyaatii; atin akkam jettee bisaan na kadhatta?” jettee gaafate. (Wantii isiin akkasi jetteef Yihudiin gosa Samaariyatiin wal hinbeetu.) Yesus ammoo deebisee, “Atin yo silaa kennamsa Waaqaa beettee, ammallee nama, ‘Bisaan na obaas siin’ jedhu kana beettee, sittuu bisaan jireennaa isa kadhatta” jedheen. Niitiin taan, “Aabboo, atin waan waraabduun hinqabduu, eeliilleen guddoo gad qilee, eessaa bisaan jireennaa sun argatta ree? Atin abbaa keenna Yaaqob, ka eela kana ufii dhugee, ilmaanii fi horii ufii obaasee, nullee kenne irra jirtaa?” jettee gaafate. Yesus deebiseefii, “Namii bisaan kana dhugu cuftii deebi'ee dheebota, ammoo namii bisaan anin kennuuf dhuguu haga jiruu jireennaallee deebi'ee hindheebotu; wantii akkanaatiif bisaan anin kennu sunii burqaa ta'aniitti isa keessaa maddanii, haga jiruu jireennaallee deebi'ee hindheebotu” jedhe. Niitiin sun, “Aabboo, bisaan kana naa kenni, akka hindheebonne, yokaan akka deebi'ee arma dhufee bisaan hinwaraamne” jette. Yesus, “Beenii dhaqii, dhiirsa kankee yaamii, armaani koottii” isiin jedhe. Niitiin deebiftee, “Anin dhiirsa hinqabu” jetteen. Yesus, “Atin dhuguma, ‘Anin dhiirsa hinqabu’ jette. Waan dhiirsa shan qabduuf namichii atin amma waliin jirtu sunilleen dhiirsa keetiiniti, tana dhuguma baante” isiin jedhe. Arma irratti niitiin taan, “Aabboo, anin akka atin raagaa yaayyuu arge. Abbootiin teenna gaara kana irratti Waaqaa kadhatte, isaniin Yihudii ammoo, ‘Fulaan Waaqaa itti kadhachuu malan Yerusaalem’ jettan” jette. Yesus isiin, “Niitii tana, na dhugeeffadhuu! Guyyaan isan gaara kanaa fi Yerusaalem keessaalleetti Abbaa hinkadhanne indhufaa! Isaniin Samaariyaa waan hinbeene kadhattan, nu ammoo waan beennu kadhanna; baafamii gara Yihudiitii dhufa. Ammoo guyyaan namii akka dhugaa kadhatu, hafuura ufii dhugaan abbaa kadhatu indhufa, ammallee arma jira. Abbaan nama akkana isaa kadhatu kana barbaada. Waaqii hafuuraa, namii isa kadhatu hafuura ufii ka dhugaatiin kadhachuu malee” jedhe. Niitiin taan, “Akka Maasiihiin, ka Kiristoo jedhan dhufu anin inbeeka. Innii gaafa dhufu waan cufaa diideseetti nu barsiisa” jette. Jennaan Yesus, “Ka amma siin dubbachuu jiru kunuu isuma” isiin jedhe. Yoma sun jarii isaa dhufee, waan innii niitii taaniin dubbateef mame. Ammoo namii tokkolleen, “Atin maan barbaadda?” yokaan, “Maaf isiin dubbatta?” hinjenneen. Jennaan niitiin taan buttee ufii achumaaatti lakkiftee, diraatti deebittee biyyaan, “Koottaa, nama waan anin durii tolche cufa natti hime laalaa. Kun Kiristoo ta'uu hindandaa?” jettee gaafate. Warrii diraa ya'ee gara Yesus dhufiisaa karaa dacha'e. Yo sun jarii isaa, “Aabboo, sagalee nyaadhu” jedhee isa kadhate. Innii ammoo, “Anin sagalee isan hinbeenne qaba” jedhee warraa deebise. Jennaan jarii isaa, “Isii namaatti sagalee dhufeeniifii?” jedhee walgaafate. Yesus, “Sagaleen tiyya akka anin fedhii nama na ergee guutee hujii isaa hobbaasu. Isan Ji'a afuriin duuba muraa midhaanii jettaniyuu? Anin isanitti himaa, iluma teessaniin oobruu milladhaa, akka bilchaattee muraan geettee laalaa. Namii muru gatii ufii inargata, ammallee innii midhaan jireenna barabaraa walti guura; akka namii oobruu fi ka muruulleen waliin gammadu. Mammaassii, ‘Namii tokko infacaasa, ka dhibiin inmura’ jedhu sun armaatti dhugaa. Anin akka isan midhaan ufii hinoobriin murtani isan erge; nama dhibiin qotee ammoo isan bu'aa argattani.” Namii dira Samaariyaa hedduun marroo niitiin, “Innii waan anin durii tolche cufaa natti hime” jette suniif Yesus dhugeeffate. Tanaaf namii Samaariyaa hedduun isaatti dhufee, akka innii warra waliin taa'u kadhatee; Yesus guyyaa lama warra waliin taa'e. Warra sun malee namii hedduun, marroo dubbii isaatiif, isaatti dhugeeffate. Warrii niitii taaniin, “Nu marroo dubbii teetiitiif hindhugeeffannee, ammoo marroo gurra keennaan dhageenneef, akka innii dhuguma baasaa lafa cufaa ta'ee inbeenna” jedhe. Akka Yesus ilma jaallabdicha tokkoo fayyise Guyyaa lama achi keessa oolaan, Yesus achii deemee Galiilaa dhaqe. Wantii akkanaatiif Yesus qaraa, “Raagii lafa ufii keessatti ulfinna hinqabu” jedhee dubbate. Warrii Galiilaa waan gara jila dabarsaa dhaqee, waan innii guyyaa jilaa Yerusaalemitti hojjate cufaa argeef, innii Galiilaa dhumnaan isa keessummoomse. Jennaan Yesus fulaa bisaan itti Daadhii waynii tolche dira Qaanaa ka Galiilaatti deebi'e. Jaallabdicha ilmii isaa fayyaa dhabe tokkotti Qifernaahom keessa jira. Akka Yesus Yihudaa ba'ee Galiilaa dhufe dhageennaan, namichii gara isaa dhaqee akka innii dhufee ilma isaa ka diqumaa hindu'iin fayyisuuf kadhate. Jennaan Yesus, “Isan yo akeekaa fi waan mamaa argitan malee, diqqumaallee hindhugeeffattan” jedheen. Jaallabdichii kaan, “Aabboo adoo gurbaan kiyya hindu'iin kootti” jedhee kadhate. Yesus deebisee, “Beenii ilmii kankee infayaa!” jedhe; namichii kaan dubbii Yesus isaan jedhe dhugeeffatee, ka'ee gale. Adoo innii galuu jiruu, hojjattootii isaa fuula keessa dhuftee, “Gurbaan kankee miira qaba” jette. Jennaan innii saatii gurbaa miirii itti deebi'e gaafatee, warrii, “Kalee yoma tana saatii torbaatti, qandhoon isa irraa galte” jedhe. Jennaan abbaan gurbaa akka yo Yesus, “Ilmii kankee infayya” isaan jedhee beekee, isaa fi warrii isaalleen cuftii dhugeeffate. Kunin akeeka lameessoo ka Yesus, eegi Yihudaa ba'ee Galiilaa dhufe tolche. Eegii waan kanaa jila warra Yihudiiti jiraa, duuba Yesus Yerusaalem dhaqe. Yerusaalem keessa, dhaattuu, “Karra re'ee” jedhan, haroo tokkotti jira, ta daargulaa shan qabdu ta afaan Ibraayisxiitiin, “Betzaata” jedhan. Achi keessa nama fayyaa dhabe heddhuutti, ballaa, naafaa fi ka kokotta'eetti ciisa. Akka bisaan wacani eegani. Waan marroo garii ergamtootii Aabboo haroo sun keessa seentee bisaan wacisiiftuuf, namii fayyaa hinqamne ka eegii bisaan wacan qaraa haroo sun seenee, dhukkuba taateefuu infayya. Nama ganna sodomii saddeetii fayya dhabaan ciise tokkotti achi jira. Yesus isa argee, akka innii guyyaa hedduu yokaan bara dheeraa achi ciise beennaan, “Fayyuu feetaa?” jedhee gaafate. Namichii fayyaa hinqamne kaan, “Aabboo, anin nama yo bisaan wacan keessa na buusu hinqabu; adoo anin itti hirkifadhuu, namii dhibiin na duraatti seenaa” jedhee deebiseef. Jennaan Yesus, “Ka'ii, itillee tantee fudhaadhuu, deemi!” jedheen. Namichii kaan yoma sun fayyee, itillee ufii fudhatee itti dhaabate. Guyyaan sun warra Yihuditii guyyaa Sambataati. Jennaan warrii Yihudii namicha kaaniin, “Guyyaan kun guyyaa Sambataatii, akkii atin itillee tantee baattee deemtu kun fulaaniti” jedheen. Innii ammoo deebisee, “Namicha na fayyiseetti ‘Itillee tantee fudhadhuu deemi’ naan jedhe” jedhe. Warrii ammoo, “Namii ‘Itillee tantee fudhadhuu deemi’ siin jedhe sun eennu?” jedhee gaafate. Namichii fayyisan kaan nama isa fayyise hinbeeku, waan gumiin achitti baanaan Yesus achii deemeef. Eegii sun Yesus namicha kaan mana Waaqaa keessatti argee, “Me laali, la fayyitte. Itti deebittee cubbuu hinhojjatin, akka waan hagana irra hamtuu hinarganne” jedheen. Namichii kaan deemee, akka namii isa fayyise Yesus, warra Yihudiitti hime. Jennaan warrii Yihudii marroo innii waan kana guyyaa Sambataa tolcheef Yesus gargalche. Yesus ammoo warraan, “Abbaan kiyya yo cufaa hojjataa, anilleen yo cufaa hojjachuu malee” jedhe. Waan kanaaf Yihudiin haga qaraallee irra isa ijjeesu feete, waan innii seera sambataa callaa cabseefiiniitii waan innii “Waaqii Abbaa kiyya” jedhee, akkanaan qixxee Waaqaa ufii tolcheef. Duuba Yesus warraan, “Waan anin dhuguma dhugaatiin isanitti himuu, Ilmii danda'ee ufiin homaa hintolchu, yo waan Abbaan tolchu argu malee. Ilmii waan Abbaan tolchu callaa tolcha. Wantii akkanaatiif Abbaan ilma injaalata, waan ufii tolchu cufa isa garsiisa, ammallee hujji guddoo tana irraa garsiisa, akka isan mamtan. Akkuma Abbaan nama du'e kaasee jiraachisu, Ilmiilleen akkasuma nama fedhu jiraachisa. Abbaan nama tokkolleetti hinmuru, ammoo waan muraa cufaa yaayyuu Ilmaatti kenne, Akka namii cuftii akkuma Abbaa ulfeessan Ilma ulfeessu; namii Ilma hinulfeessinee Abbaallee ka isa erge hinulfeessu.” “Anin dhuguma dhugaatiin isanitti himaa, namii dubbii tiyya dhaga'ee ka na erge dhugeeffatee, jireenna barabaraa qaba. Isa wallaala itti hinmuran, ammoo ya du'a keessaa ba'ee jireenna argate. Anin dhuguma dhugaatiin isanitti himaa, yo'ii warrii du'e qoonqoo Ilma Waaqaa dhaga'u, indhufa, ammumaa ya dhufe, duuba warrii isa dhaga'u injiraata. Abbaan akkuma ufii jireenna ufii keessaa qabu, Ilmaallee akka innii akkasuma jirenna ufii keessaa qabaatu tolche. Innii waan innii Ilma namaa ta'eef, yaayyuu jabeenna muraa kenneef. Waan kana hinmamiinaa; guyyaan namii awwaala keessa jiru cuftii qoonqoo isaa dhaga'ee, awwaala keessaa yaa'u, indhufaa; warra waan dansaa tolche kaasaniitti jireenna kennaniif, ka waan hamtuu tolche kaassaniitti wallaala itti murani.” “Anin danda'ee ufiitii homaa hintolchuu, akka Waaqii natti himu gula mura; muraan tiyya ta dhugaati; wantii akkanaatiif anin fedhi tiyya hinbarbaaduu ammoo fedhi abbaa na ergee barbaada. Yo anin ufii dhugeesse, dubbiin tiyya dhugaaniti. Ammoo nama naa dhugeessu tokkotti jira, akka dhugeessaan innii naa dhugeessu tama dhugaa, anin inbeeka. Namii isan nama itti ergitan Yoh. aannis; inniilleen dhugaa sun la dhugeesse. Dhugeessaan namii naa dhugeessu homaa keessa hinjirtu, ammoo akka isan baafamtaniif, anin waan kana dubbadha. Yoh. aannis ibsee bobeettee ibsitu, isan ammoo haga bulti diqqoo ibsee isaatiin gammaduu feetan. Anin dhugaa ta haga ta Yoh. aannisii irra jirtu qaba; hujjiin anin tolchu ta Abbaan ‘tolchi’ naan jedhe, isiin naa dubbatteetti, akka Abbaan na erge garsiifti. Abbaan na erge naa dhugeessa. Isan qoonqoo isaa takka hindhageenne yokaan bifa isaa takka hingarre; ammallee waan nama innii erge dhugeeffachuu diddaniif, dubbii isaa ta garaa keessan keessa teetu hinqabdan. Isan barreessi keessa barbaaddan waan isii keessa jireenna barabaraa argattan ufi seetan. Barreessiinuu ammoo naa dhugeesiti! Taatuullee isan, akka jireenna argattan, natti dhufuu diddani.” “Anin guddinna nama irraa hinbarbaadu. Ammoo anin, akka isan jaalala Waaqaa garaa keessan keessaa hinqamne inbeeka. Anin maqaa Abbaa kiyyaatiin dhufe, ammoo isan na fudhachuu diddan; yo namii dhibiin maqaa ufiitiin dhufu inuma fudhattan. Isan ka guddinna walirraa argattan malee, guddinna Waaqaa tokkocha irraa dhufu barbaadu diddaniin, akkam dandeetanii dhugeeffattan? Waan anin Aabbootti isan himadhu hinsehiinaa; namii isan himatu tokkoo jira, inniilleen Muusee, ka isan abdattan. Yo Musee dhugeeffattan, silaa dubbii tiyyaallee dhugeeffattan, waan innii waan kiyya barreesseef. Isan ammoo yo waan innii barreesse dhugeeffachuu baattanii, akkam dubbii tiyya dhugeeffattan ree?” jedheen. Eegii sun Yesus ka'ee gama galaana Galiilaa (yokaan Xiberiyaasitti) taakke. Gumiin guddoon, waan akeeka innii namaan fayyise argiteef, isa gula yaate. Jennaan Yesus gaara tokko koree, jara ufii waliin achi taa'e. Yo sun jiltii warra Yihudii ta Dabarsaa jedhan ya dhi'aatte. Yesus olmillatee jennaan, gumii guddoo isatti dhuftu argee Filiphosiin, “Sagalee jarii kun nyaatu eessaa binna?” jedhe. Innii waan kana Filiphos laalachuuf jedhe malee, ufii isaatii waan tolchu inbeeka. Filiphos deebiseefii, “Sagaleen qarsii dhibba afuriilleen warra kana hingeettu, adoo diqqeessanii qoodaniillee” jedhe. Jarii isaa keessaa namii tokko Indriiyaas obboleessa Simoon Phexros dubbatee, “Gurba tokkootti ka qixxaa garbuu shanii fi qurxummii lama qabu arma jiraa, ammoo tunin nama hagana ga'uu kanaa maan baati?” jedhe. Yesus, “Biyya teteessisaa!” jedhee, fulaa sun buuyyoo dansaa jiraa, tanaaf namii cuftii tata'e. Namii dhiira callaan kuma shan ta'a. Jennaan Yesus qixxaa shanaan kaan guuree, Waaqaa galata galchee, biyya teteettuutti kenne, qurxummiillee akkasuma haga warrii fedhuu kenneef. Biyyiti quuftee jennaan, innii jara isaatiin, “Akka tokkolleen hinbanne hambaa sun walti guuraa” jedhe. Tanaaf hambaa qixxaa garbuu shanaan, ka biyyitii nyaattee hambifte, walti guuranii, daduu kudhanii lamaa guutan. Biyyitii akeeka innii tolche sun arginaan, “Kunin dhuguma raaga silaa lafaatti dhufuu malee” jette. Jennaan Yesus akka warrii isa qabee, irreen hayyuu tolchuu fedhu beennaan, warra biraa ka'ee gara gaaraa kophaa ufii deeme. Laftii galgaloomnaan, jarii isaa fulaa galaanaa dhaqee, hoboloo duudee gama Qifirnaahomiitti taakke. Eegii laftii dukkanoofteellee Yesus warra hindhaqamne. Dhawwaan galaanaa dhuftee, bubbeen guddoo bubbifte. Warrii haga kiiloometrii shanii ja'aa hoboloo deemsisee, Adoo Yesus galaana gubbaa deemaa hobolootti dhi'aatuu argee sodaate. Innii ammoo, “Anaa hinsodaatinaa!” warraan jedhe. Jennaan warrii gammadee isa hoboloo yaabbachiisee; hoboloon yoma sun lafa warrii itti yaa'u geette. Boriyyaa, gumiin guddoon gama galaanaatti hafte taan, akka hoboloon tokko callaan achiitti hafte, akka ammoo Yesus jara ufii waliin hoboloo hinseeniin, akka jarii isa biraa yaa'e hubatte. Jennaan hoboloon dhibiin Xiberiyaa yaatee, fulaa warrii qixxaa Aabboon eebbisee itti nyaate dhufte. Gumiin akka Yesusii fi jarii isaa achi hinjirre arginaan, hoboloo duuddee Qifernaahom dhaxee Yesus barbaadde. Warrii gama galaanaa kaanti Yesus arganii, “Barsiisaa, yoom armaan baate?” jedhanii gaafatan. Yesus warraan, “Anin dhuguma dhugaatiin, isanitti himaa, wantii na barbaaddaniif waan akeeka argitanifiiniitii, ammoo marroo qixxaa nyaattanii quuftaniif. Sagalee dhumattuu hinhojjatinaa, ammoo sagalee haga jireenna hegerii teettu ta ilmii namaa isanii kennuu hojjadhaa, maaliif Waaqii Abbaan yaayyuu beesisa ufii isa irra keeyyate” isaniin jedhe. Jennaan warrii, “Akka hujii Waaqaa hojjannu maan taanna ree?” jedhe isa gaafate. Yesus warraa deebisee, “Hujiin Waaqaa, akka nama innii erge dhugeeffattan kana” jedhe. Warrii duuba, “Akka nu garree si dhugeeffannuu atin akeeka kam tolchita? Atin maan hojjataa? Abaabootii teenna sagalee ta ‘Maannaa’ jedhan lafa gammoojjii keessatti nyaatte, akkuma barreessiin ‘Innii qixxaa gubbaa warraa kenne’ jettu” jedhaniin. Jennaan Yesus warraan, “Anin dhuguma dhugaatiin, isanitti himaa, Museen qixxaa Waaqaa gubbaa isanii hin kennine; ammoo Abbaa kiyya ka gubbaa jiruutti qixxaa dhugaa isanii kenna. Qixxaan Waaqii namaa kennu namicha gubbaa gad dhufee jireenna lafaa kennu” jedheen. Warrii, “Aabboo qixxaa kana guyyaa cufaa nuu kenni” jedheen. Yesus, “Qixxaan jireennaa ana. Namii gara kiyya dhufu hinbeela'u, ammallee namii na dhugeeffatu diqqumaallee hindheebotu. Anin ammoo qaraa isaniin, isan na gartanii, ammoo na hindhugeeffattan jedhe. Namii Aabboon naa kenne cuftii gara kiyya dhufa, ka gara kiyya dhufuu aniilleen ufi irraa hingussu. Wantii anin gubbaa gad dhufeef akka fedhi tiyya guutuunitii, ammoo akka fedhi nama na ergee guutu. Namii na ergee Fedhiin nama na ergee tana, akka nama innii naa kenne tokkollee hinballeessuu, ammoo guyyaa muummee kaasu. Wantii Aabboon fedhu, akka namii ilma argee dhugeeffatu cuftii jireenna barabaraa argatu; ammallee anin guyyaa muummee du'a keessaa kaasa” jedhe. Jennaan Yihudiin waan innii “Anin qixxaa gubbaa gad dhufe” ufiin jedheef waan isaa gungumte. Warrii, “Namichii kunin Yesus, ilma Yoseefii ka nu abbaa fi haadha isaa beennuunitii? Innii akkam ammatana, anin Waaqaa gubbaa gad dhufe ufiin jedhaa ree?” jedhan. Yesus warraa deebisee, “Ufii keessatti hingungumiinaa! Namii tokkolleen yo abbaan na erge natti hirkise malee, danda'ee natti hindhufu; ka gara kiyya dhufuu ammoo anin guyyaa muummee du'a keessaa kaasa. Barreessii raagaa keessatti, ‘Nama cufaa Waaqii inbarsiisa’ namii dubbii Abbaa dhaga'ee barate cuftii gara kiyya dhufa. Namii tokkolleen ka Abbaa arge hinjiru, ka gara Waaqaatii dhufe malee, isuma callaatti Abbaa arge. Anin dhuguma dhugaatiin, isanitti himaa, namii dhugeeffatu jireenna barabaraa qaba. Anin qixxaa jireennaati. Abaabooti teessan ta sagalee maannaa jedhan lafa gammoojjii keessatti nyaatee, amma ya raawatte. Kunin qixxaa gara gubbaatii gad dhufe, ka namii isa nyaate hindoone. Anin qixxaa jireennaa ka gubbaa gad dhufe. Namii yo qixxaa kan nyaate haga barabaraa jiraata. Ee ee, qixxaan anin marroo jireenna lafaatiif kennu sunin foon kiyyaa” jedheen. Jennaan Yihudiin, “Isii, namii kun akkam danda'ee akka nyaannu foon ufii nuu kenna?” jettee walimoromitte. Jennaan Yesus warraaan, “Dhuguma, dhugaatiin isaniin jedhaa, Isan yo foon ilma namaa nyaattanii dhiiga isaa dhugu baattanii, jireenni isan keessa hinjiru. Namii foon kiyya nyaatee dhiiga kiyya dhugu jireenna barabaraa qaba, anin guyyaa muummee du'a keessaa kaasa. Wantii akkanaatiif foon kiyya sagalee dhugaati, ammallee dhiigii kiyyaalleen liqimsaa dhugaa. Namii foon kiyya nyaatee dhiiga kiyya dhuguu na keessa jiraata, aniilleen isa keessa jiraadha. Akkuma Abbaan kiyya ka jireenna qabu na erge, aniilleen marroo isaatiif jiraadhu, akkasuma namii foon kiyya nyaatuulleen marroo tiyyaaf jiraata. Kunin qixxaa gubbaa gad dhufe, ka akka abaabooti teessan nyaattee dooteetiiniti. Namii qixxaa kana nyaatu haga hegeriillee hinduu” jedhe. Yesus yo Qifirnaahom keessatti barrisiisee dubbii tana mana waldeennaa keessatti dubbate. Dubbii jireenna barabaraa jarii isaa hedduun akkasi dhageennaan, “Jechii kun jabaa, eentu danda'ee hubata?” waliin jedhe. Yesus ammoo akka jarii isaa waan kana gungumu akkanumaatti beennaan warraan, “Dubbiin tun isan rifachiiftii? Isan yo ilma namaa ka fulaa qaraa jiruutti deebi'u argitan maan taatan? Wantii nama jiraachisaa hafuura Waaqaa; foon homaa hinba'an. Dubbiin anin isanitti hime hafuuraa fi jireenna. Isan ammoo namii garii hindhugeeffattan” jedheen. Yesus haguma qaraatii jalqabee nama isa hindhugeeffannee fi ka isa gurguru inbeeka. Innii ammallee, “Mar. roo waan kanaatiif anin ya isanititi hime, namii tokkolleen danda'ee gara kiyya hindhufu, yo Abbaan tolcheef malee” jedhe. Mar. roo waan kanaatiif jara isaa keessaa namii hedduun isa lakkise gula yaa'uu dide. Jennaan Yesus jara isaa kudhanii lamaaniin, “Isaniilleen yaa'uu feetanii?” jedhe. Simoon Phexros, “Aabboo, eennuu yaanaa? Atin dubbii jireenna barabaraa qabdaa. Nu la dhugeeffanne, ammallee akka atin callaan qulqulloo Waaqaa inbeenna” jedhee deebiseef. Jennaan Yesus, “Anin isanii kudhanii lamaan hinfoohannee? Isan keessaa ammoo tokko Sheexan” isaaniin jedhe. Innii waan Yihudaa ilma Simoon, ka Keriyotii baane. Jara kudhanii lamaan sun keessaa namii isa gurguru Yihudaa. Eegii sun, Yesus waan Yihudiin isa ijjeesu feetuuf Galiilaa keessa dedeeme malee; Yihudaa keessa dedeemu hinfeene jiltii Yihudii ta Hoosa jedhan dhi'aannaan, duuba obboleeyyan isaa isaan, “Akka jarii kankeelleen hujii atin hojjattu arguu, armaa ka'ii Yihudaa dhaqi! Namii tokkolleen yo akka namii beeku fedhee ka dhossaan wa hojjatuu hinjiru. Atin yo waan kana hojjatuu, biyya ufii garsiisi!” jedhaniin. Wantii akkanaatiif obbooleeyyaan isaatiiyyuu isa hindhugeeffanne. Yesus warraan, “Fulaan tiyya qara hingeenne, fulaan teessan ammoo guyyaa cufaa kurfoo jirti. Biyyitii lafaa dandeettee isan hinjibbittu, na ammoo waan anin hujii warraa hamtuu itti himuuf na jibbiti. Isan jila dhaqaa, anin ammoo waan yo'ii naa ta'u hinga'iniif jila tana hindhaquu” jedhe. Waan kana warratti himee, Galiilaatti hafe Obboleeyyan isaa jila dhandhaan, inniilleen diidaatti ba'ee, hindeemnee, ammoo dhossaan deeme. Yihudiin, “Innii mee” jettee jila keessa isa barbaadde. Waan isaa guddoo biyya keessatti gungumanii; namii garii, “Innii nama dansaa” jedhee, hagii tokko, “Akkasiiniti, ufumaa nama sobaa” jedhe. Ammoo waan Yihudii sodaataniif namii tokkolleen ka diideesee waan isaa dubbate hinjiru. Jiltii wadhakkoomnaan Yesus mana Waaqaatti olba'ee nama barsiise. Yihudiin mamtee, “Namii kunin qarooma kana eessaa argate, ka namii hinbarsiisiin?” jette. Yesus warraa deebisee, “Wantii anin barsiisu tiyyaaniti; ta Waaqaa na ergee malee. Namii yo fedhii Waaqaa guutuu fedhee, akka wantii ani barsiisu gara Waaqaatii dhufte yokaan anummaan dubbadhu gargarii inbeeka. Namii qalbii ufiitiin dubbatu ulfinna mataa ufii barbaada. Namii ammoo ulfinna nama isa ergee barbaadu ka dhugaati, ammallee dhartii tokkolleen isa keessa injirtu. Museen seera isanii hinkenninee? Isaniin tokkolleen seera hinguuttan. Maaf na ijjeesuu feetan?” jedhe. Biyyitii deebichee, “Atin jinnii qabdaa! Eentu si ijjeesuu fedha?” jetteen. Yesus deebisee, “Anin hujii isanii cufaa mamsiiftu tokko hojjadhe warraan jedhe. Museen ya seera dhaqaanqabaa isanii kenne. Wantii sun ammoo gara Muuseetii, hindhumne, gara abaaboota teessanitii dhufte malee, duuba isan guyyaa Sambataa dhaqaanqabaa namaa qabdan. Namii yo akka aadaa Musee hincabsine, guyyaa Sambataa dhaqaanqabaa qabatee, isan maaf natti dallantan, waan anin nama tokko guyyaa Sambataa akka dansaa fayyiseef? Nafa namaa laaltanii hinmurinaa, ammoo dhugaa gula muraa” jedhe. Akka warrii Yesus Kiristoo moo? jedhee gaafate Warrii Yerusaalemii ka garii, “Namichii warrii ijjeesuu fedhu kanaayyuu? Ammoo, mee laalaa, innii diideese himaa, warrii homaa isaaniin hinjedhuu, jarii gugurdaan akka innii dhuguma Kiristoo danda'ee inbeekaa? Ammoo nu nama kana fulaa innii ba'eef inbeenna; yo Kiristoon dhufu ammoo namii tokkolleen ka gara innii ba'eef beeku hinjiru” jedhan. Jennaan Yesus adoo Mana Waaqaa keessatti nama barsiisuu jiruu, qoonqoo olfudhatee, “Isan dhuguma na beettanii? Ammallee fulaa anin ba'eefiillee inbeettanii? Anin ufiin hindhumne, ammoo Waaqii na ergee ka dhugaati, isan isaallee inbeettan. Anin waan innii na ergee, fulaa isaattii dhufeef isa inbeeka” isaaniin jedhe. Jennaan warrii isaa qabu barbaade; ammoo waan guyyaan isaa hin gayiiniif namii tokkolleen harkaan isa hintundhe. Gumii keessaa namii hedduun dhugeeffatee, “Kiristoon yo dhufe, akeeka namichii kun tolche caalaa ka dhibii tolchaa?” jedhe. Akka warrii waraanaa Yesus qabu dhufe Fariisotii gumii waan kana gungumtu dhageettee jennaan qaallolee gugurddoo waliin warra waraanaa ka isa qabuu ergite. Yesus, “Anin bultii diqqoo tokko callaa isan waliin jira, achiin duuba gara nama na ergee gala. Isan na barbaaddanii, ammoo na hinargitan, fulaa ani jiru dandeetaanii hindhuftan” jedhe. Jennaan Yihudiin waliin, “Namichii kun akka nu hingarre eessa dhaquu fedha? Innii diroota Giriikii ka Yihudiin itti godaante dhaqee gosa Giriikii barsiisuu fedhaa? Dubbiin innii, ‘Na barbaaddanii ammoo na hinargitan, ammallee fulaa anin jiru isan dandeettanii hindhuftan’ jedhe tun maan?” jettee walgaafatte. Guyyaa eegee ka jilaa sunii jabaa, Yesus olejee lallabee, “Namii yo dheebote, gara kiyya dhufe bisaan ha dhuguu. Nama natti dhugeeffatu, akkuma barreessiin jettuu, ‘Garaa isaa keessaa bisaan jireennaatti yaa'a’ ” jedhe. Yesus dubbii tana waan Hafuura Qulqulloo ka warrii isa dhugeeffatu argatuu dubbate. Gaafasi Waaqii Hafuura ufii qulqulloo namaa hinkennine, waantii akkanaatiif Yesus qara guddinna ufii hinarganne. Gumii keessaa namii garii dubbii tana dhageennaan, “Kunin dhuguma raaga baanaan sun!” jedhe. Ka garii ammoo, “Kunin Kiristoo!” jedhee, ka dhibiin, “Kiristoon Galiilaa keessaa dhufaa? Barreessiin, Kiristoon dhaloota Daawitii keessaa ba'a, ammallee Betlihem, dira Daawtii keessatti dhalata jettiiyyuu?” jedhe. Tanaaf gumiin marroo isaatiif gargarii qoodamte. Isaan keessaa namii garii silaa isa qabuu fedha, ammoo namii tokkolleen harkaan isa hintundhe. Warra gugurddaa Yihudii ka hindhugeeffanne Jennaan warrii waraanaa ka ergan kaan gara qaallolee gugurdootii fi Fariisotaatti deebi'e. Warrii ammoo, “Maaf hindhufnaan?” jedhee warra waraanaa gaafate. Warrii waraanaa kaan, “Namii tokkolleen ka akka isaa dubbatu hinjiru” jedhee deebiseef. Jennaan Fariisotii, “Isaniilleen yaa sobamtanii? Nama guddaa tokkollee yokaan nama Fariisotaa ka isa dhugeeffatu takka gartanii? Ammoo gumiin daalleen tun ta seera Muusee hinbeenne ya abaaramte” jedhe. Niqoodemos ka qaraa gara isaa dhaqe, ka ammallee warra sun keessa jiru, warraan, “Isii seerii keenna, nama adoo qaraa dubbii isaa dhageettee waan innii tolche hinhubatin wallaala itti hinmuraa?” jedhe. Warrii ammoo deebisee, “Atilleen nama Galiilaatii? Barreessii keessa barbaadii laali! Galiilaa keessaa raagii hinba'uu” jedheen. Jennaan namii cuftii warra ufiiti gale. Yesus ammoo gara Gaara Ejersaa jedhanii dhaqe. Laftii bariinaan innii mana Waaqaatti deebi'e. Namii cuftii gara isaa dhufee, duuba innii taa'ee warra barsiise. Jara seera beekuu fi Fariisotii niitii shaarmuxittii yokaan algaltittii takka adoo isiin nama waliin raftuu qabdee isaattiin dhuftee, jidduu biyyaa dhaabachiisan. Isaan ammoo Yesusiin, “Aabboo niitii tana adoo isiin nama dhiiraa waliin raftuu qaban. Duuba seera keessatti Muuseen nadheen akkanaa tana, ‘Dhakaan dhahaa, ijjeesaa’ nuun jedhee; atin ammoo maan jetta?” jedhan. Wantii dubbii sun jedhaniif akka afaan fuudhanii waan himataniin isa irraa argatan, Yesus ammoo gadjedhee, quba ufiitiin lafa tataraare. Adoo warrii isa wa gaafatuu, innii oljedhee warraan, “Isan keessaa namii cubbuu hinqamne ha qaraa dhakaan isii dha'uu” isaaniin jedhe. Ammallee gadjedhee, quba ufiitiin lafa taraare. Warrii dhageennaan namuu tokko tokkoon ka'ee yaa'e, qaraa jaarolleen yaatee, ka'imiilleen gula yaa'e. Adoo niitiilleen achuma isa dura ejjituu Yesus kophaatti lakkisan. Yesus oljennaan isiin, “Intala, beennii si himate meeti? Namii tokkolleen wallaala sitti hinmurree?” jedhee gaafate. Isiin ammoo, “Tokkolleen hinjiru, Aabboo” jette. Jennaan Yesus, “Anilleen wallaala sitti hinmuru. Been, ammoo deebitee cubbuu hinhojjatin” jedheen. Yesus ammallee warratti dubbatee, “Anin ibsee lafaati. Namii na gula dhufu dukkana keessa hindeemu, ammoo ibsee jireennaa argata” jedhe. Jennaan Fariisotii, “Atin ufii dhugeessitaa, dhugeessan tantee dhugaaniti” jetteen. Yesus ammoo deebisee, “Anin yo ufii dhugeessellee, dhugeessaan tiyya ta dhugaati; wantii akkanaatiif anin gara dhufeefiifi gara deemuullee inbeeka. Isan akka aadaa namaa gula murtan, anin ammoo nama tokkolleetti hinmuru. Anin yo mureellee, muraan tiyya ta dhugaati, waan anin kophaa hinjirreef; naa fi Abbaan na erge walumaan jirra. Seera keessan keessatti, ‘Yo dubbii qoran keessatti namii lama dhugaa ta'ee, dubbiin sun dhuga’ jedhanii la barreessan. Anin ufii dhugeessaa, Abbaan na ergeelleen naa dhugeessaa” jedhe. Jennaan warrii, “Abbee eessa jira?” jedhee Yesus gaafate. Yesus deebisee, “Isan na hinbeettan, yokaan Abbaa kiyyaallee hinbeettan. Yo silaa na beettan, Abbaa kiyyaallee inbeettan” jedhe. Yesus mana Waaqaa keessaa, adoo fulaa horii buusan olka'aan bira taa'ee, wa barsiisuu jiruu dubbii tana dubbate. Waan guyyaan isaa qara hingayniif, namii tokkolleen isa hinqamne. Yesus ammallee warraan, “Anin gara dhaqa, isan na barbaaddan, gara anin dhaquullee isan dandeettanii hindhuftanii, tanaaf cubbuu teessaniin dootan” jedhee isaaniitti dubbate. Jennaan Yihudiin, “Innii ufii ijjeesuu fedhaa, ‘Gara anin dhaqu dandeettanii hindhuftan’ jedhaa?” jette. Yesus ammoo, “Isan lafa jalaa tanaa dhuftan, anin ammoo gubbaa gadhufe. Isan ka lafa tanaati, anin ammoo ka lafa tanaatiiniti. Wantii anin, ‘Isaniin cubbuu teessan keessatti dootani’ jedheef tana. Ammallee isan cubbuu teessan keessatti inuma dootan, yo akka anin dhuguma isumaa dhugeeffachuu diddan” jedhe. Warrii isaan, “Atin eennuu kanaa?” jedhee gaafate. Yesus, “Akkuma qaraa anin isanitti hime sun. Anin waan keessan ta dubbadhuufi ta muruullee hedduu qaba, ammoo namii na erge ka dhugaati, ammallee anin waan isa irraa dhaga'ee callaa namaatti hima” jedhe. Warrii akka innii Abbaa baane hinmidhaaffanne. Tanaaf Yesus, “Eegii ilma namaa fanniftan, gaafasi akka anin dhuguma isumaa beettan; ammallee akka anin ufumaan wa hintolchine, ammoo waan Abbaan na barsiise callaa dubbadhuu beettani. Ammallee nama na erge nu walumaan jira; innii kophaatti na hinlakkisu, waan anin guyyaa cufa waan isa gammachiisaa callaa hojjadhuuf” isaaniin jedhe. Innii waan kana jennaan namii hedduun isa dhugeeffate. Jennaan Yesus Yihudii isa dhugeeffateen, “Isan yo dubbii tiyya guuttan, dhugumaan jara kiyya taatan; Dhugaallee inbarattan, dhugaalleen isan balchoomsiti” jedhe. Warrii deebiseefii, “Nu dhaloota Abrahaamiiti, takkumaallee tissee namaa hintaanne; ati akkam, ‘isan balchoomsan’ nuun jetta?” jedhee gaafate. Yesus warraa deebisee, “Anin dhuguma dhugaatiin, isanitti himaa, namii cubbuu tolchu cuftii garbicha cubbuuti. Garbichii yo cufaa mana keessa hintaa'u, ammoo ilmii yo cufaa inta'aa. Yo Ilmii isan balchoomse akka dhugaa balchoomtan. Akka isan dhaloota Abrahaamii taatan anin inbeeka, ammoo waan dubbiin tiyya isan keessa hinjirreef na ijjeesuu feetan. Anin waan fulaa Abbaa kiyyaatti arge dubbadha, isanilleen waan abbaa keessan irraa dhageettan tolchitan” jedhe. Warrii isaan, “Abbaan keenna Abrahaam” jedhe. Yesus ammoo, “Isan yo silaa ijoollee Abrahaamii taatanii, hujjii Abrahaam hojjate hojjattan. Ammoo amma isan ana nama waan dhugaa ka Waaqaa irraa dhaga'ee isanitti hime, na ijjeesuu feetani; Abrahaam akkasi hintolchine! Isan hujjii abbaa keessanii hojjattan” isaaniin jedhe. Warrii ammoo, “Abberaan nu hindhalchine, abbaa tokko callaa qamna, sulleen Waaqaa” jedhe. Yesus deebisee, “Yo silaa Waaqii abbaa keessan ta'ee, isan na jaalatan; wantii akkanaatiif anin gara Waaqaatii dhufe, yaaduma kiyyaan hindhumnee, ammoo isaatti na erge. Isan maaf dubbii anin jedhe hinhubanne? Wannii isan hinhubanneef dubbii tiyya diqqumaallee dhaga'uu hinfeetan. Abbaan keessan Sheexana, ammallee dharaa abbaa keessanii tolchu feetan. Innii haguma duriitii nama ijjeesaa; waan dhugaan isa keessaa hinjireef dhugaallee homaa irraa hinqabu, Innii yo dhara dubbate akkuma ufii dubbata; maaliif innii kiyyibaa abbaa dharaati. Ammoo waan anin dhuga dubbadhuuf na dhugeeffachuu diddan. Isanii kana keessaa eennuutti takka anaa cubbuu hojjatuu arge? Isan yo anin dhuga dubbadhe, maaf na hindhugeeffanne? Namii Waaqaa dubbii Waaqaa dhaga'aa, isan ammoo waan ka Waaqaa hinta'iiniif, dubbii isaa hindhageettan” jedhe. Yihudiin Yesusii deebichee, “Akkii nu atin nama Samaariyaati, ammallee jinnii qabda jenne dhuganitii?” jette. Yesus, “Anin jinnii hinqabu, anin Abbaa kiyya ulfeessa; isan ammoo na tuffattani. Taatuullee anin ulfina ufii hinbarbaadu. Ka barbaadu tokkotti jira, ka akka dansaa wa muru. Anin dhuguma dhugaatiin, isanitti himaa, namii yo dubbii tiyya jabeesee, du'an wali hinargu” isaaniin jedhe. Yihudiin, “Akka atin jinnii qabdu nu amma hinbeenna! Abrahaam akkuma raagoota dhibii du'e. Atin ammoo, ‘Namii yo dubbii tiyya jabeese, du'an wali hinargu’ jetta. Atin abbaa keenna Abrahaamiifi raagoota doote irra jirtaa? Atin maan ufi seeta?” jedhaniin. Yesus deebisee, “Anin yo ufi saadee, saaduun tiyya homaa hinbaatu. Ammoo Aabbooti ka isan Waaqaa keenna jettaniin na saada. Isan diqqumaallee isa hinbeettani, ammoo anin isa hinbeeka, anin yo, ‘Isa hinbeeku’ jedhee, akkuma keessan kijibaa ta'a; ammoo anin isa hinbeeka, dubbii isaallee hinjabeesa. Abbaan keessan Abrahaam waan guyyaa kiyya arguuf gammade, arginaan qiliixame” jedhe. Jennaan Yihudiin isaan, “Atin ammallee ganna shantamaallee hingeennee, ammoo Abrahaam yaayyuu gartee?” jettee gaafate. Yesus ammoo deebisee, “Anin dhuguma dhugaatiin isanitti himaa, adoo Abrahaam hindhalatinuu, anin injira” jedhe. Yoosuma warrii Yesus hadhuuf dhakaa guurratee, innii ammoo warraa dhokatee Mana Waaqaa keessaa ba'ee deeme. Yesus adoo deemuu jiruu, nama tokko ka haga dhalatee ballaa arge. Jarii isaa, “Aabboo, nama kana moo haadhaa fi abbaa isaatti cubbuu hojjate, ka innii ballaa dhalate?” jedhee gaagate. Yesus deebiseefii, “Namii kulleen yokaan warrii isaalleen cubbuu hinhojjanne; ammoo akka hujjiin Waaqaa isa keessatti mullattuuf innii ballaa dhalate. Nu hujjii nama na ergee adoo laftii guyyaatuu hojjachuu mallee, halkan namii tokkolleen danda'ee hinhojanne hindhufanii. Anin haga lafa keessa jiru ibsee lafaati” isaaniin jedhe. “Akkuma tana jedheen, hancufa lafaatti tufee, biyyee harkaan suphee, dhoqqee sun ila namichaa dibee, Beenii, bisaan Siilo'am dhiqadhuu” jedheen, (Siilo'am jechuun ergaa jechuu.) Jennaan innii dhaqee dhiqatee, ka lafa argu deebi'e. Ollaa fi namii durii isaa wa kadhatuu arge, “Namichii kunin ka durii ta'ee wa kadhatu kaaniinitii?” jedhee walgaafate. Namii garii, “Ee'ee isuma” jedhee, ka garii ammoo, “Hiyyoo isaanitii, ammoo isa fakkaata” jedhe. Innii ammoo, “Anin isuma” jedhe. Jennaan warrii, “Ilti tantee lachuu akkamin banamte ree?” jedhee gaafate. Innii deebisee, “Namichii Yesus jedhan kaan biyyee suphee, ila tiyya dibee, ‘Siilo'am dhaqii, fuula dhiqadhuu’ naan jedhee jennaan, anin dhaqee dhiqadhee lafa arge” jedhe. Warrii, “Me innii?” jedhee gaafate; innii ammoo, “Anin hinbeeku” jedhee deebiseef. Akka Fariisotii fayyisaa sun laallatte Warrii namichaa durii ballaa sun Fariisotaatti geesse. Guyyaan Yesus dhoqqee suphee ila isaa bane sun guyyaa Sambataa. Fariisotii akka iltii isaa banamte ammallee isa gaafattee, namichii, “Innii dhoqqee ila tiyya dibee, anin fuula dhiqadhee, duuba lafa arge” jedhe. Fariisota keessaa namii garii, “Namichii kunin ka waan kana tolche, innii waan seera sambataa hineeneef, gara Waaqaatii hindhumne” jedhee, ka garii ammoo, “Namii cubbuu qabu akkam danda'ee waan akkanaa kana tolcha?” jedhe. Jennaan gargarii ba'an. Ammallee marroo lameessoo namicha ballaa kaaniin, “Atin namicha kanaatti ila naa bane jettaa, amma waan isaa maan jetta?” jedhaniin. Yihudiin akka innii duraan ballaa, amma ammoo lafa arge dhugeeffachuu didde, haga haadhaa fi abbaa isaa ufiitti yaamtee hingaafatin cufa. Duuba warraan, “Kunin ilma keessanii? Innii ballaa dhalatee? Innii amma akkamiin lafa arga ree?” jettee gaafate. Warrii isaa deebisee, “Akka innii ilma keennaa nu inbeenna, ammallee akka innii ballaa dhalateellee inbeenna. Ammoo akka innii amma lafa argu nu hinbeennu; nama ila isaa baneellee nu hinbeennu; innii nama guddaa, ufii dubbachuu dandaa isuma gaafadhaa mee” jedhe. Wantii haadhaafi abbaan isaa waan kana jetteef Yihudii sodaate; waan Yihudiin akka nama Yesus jedhu cufaa mana waldeennaa keessaa gussitu walmari'aateef. Tanaaf warrii isaa, “Innii nama guddaa, isa gaafadhaa” jedhe. Ammallee marroo lameessoo warrii namicha ballaa kaan yaamee, “Waaqaa duraatti dhugaa dubbadhuu! Nu akka namichii kunin cubbichaa inbeennaa” jedheen. Namichii ammoo, “Nama cubbuu ta'uullee anin hinbeeku. Ammoo waan tokko inbeeka; anin qara ballaa, amma yaayyuu lafa arge” jedhe. Jennaan isaan, “Innii maan sii tolche? Akkam ila sii bane?” jedhanii gaafatan. Innii, “Anin reefuu laayyuu isanitii hime, ammoo caqasuu diddani. Maaf marroo lameessoo dhaga'uu feetan? Isaniilleen jara isaa ta'uu feetanii?” jedhee deebiseef. Jennaan isa arabsanii, “Sitti nama isaatii, nu ammoo nama Muuseeti. Akka Waaqii Muuseen dubbate nu inbeenna; ammoo namicha kana gara innii ba'eefuu hinbeennu” jedhan. Namichii kaan warraan, “Ehaayii, tunin waan mamaati! Isan gara innii ba'eefuu hinbeettanii innii ammoo naa ila bane! Akka Waaqii cubbicha hincaqamne inbeenna; ammoo nama Waaqaa kadhatee fedhii isaa guutuu Waaqii incaqasa. Haga laftii uumamtee, nama nama ballaa dhalate ila banu takka hindhageenne. Namichii kunin yo gara Waaqaatii hindhufin danda'ee homaa hintolchu” jedhe. Warrii deebisee, “Atin namii ufiiftuu cubbuu keessatti dhalatteetti, amma teetee nu barsiiftaa?” jedhee, alaatti isa gusse. Ballooma hafuuraa Yesus akka alaatti isa gussani dhageennaan barbaadee, “Atin ilma namaa dhugeeffattaa?” jedhee gaafate. Namichii ammoo, “Innii eennu, Aabboo, akka anin dhugeeffadhu?” jedhe. Yesus, “Atin yaayyuu agartee, kama siin dubbatu kanaatti isa” jedhe. Jennaan namichii, “Aabboo, la dhugeeffadhe” jedhee, jilbiiffatee isa ulfeesse. Yesus ammoo, “Anin muraaf lafa tana dhufe, akka ballaan lafa argee ammoo ka ila qabu ballaa ta'u” jedhe. Fariisotii ta isa waliin jirtu waan kana dhageennaan, “Nutti ballaa ree?” jette. Yesus warraan, “Isan yo silaa ballaa taatan, cubbuu hinqabdan; ammoo ammatana isan, ‘Nu lafa agarra’ ufiin jettan; tanaaf cubbuun teessan isan irratti hafti” jedhe. Anin dhuguma dhugaatiin, isanitti himaa, “Namii moonaa hooliyyee karraan hinseennee, ammoo dhaattuun koruu, hattuu fi saamtuu. Ammoo ka karraan seenu tissituu hooliyyeeti. Namii karra eegu isa duraa bana; hooliyyeen qoonqoo isaa dhageetti, innii hooliyyee ufii maqaa isiitiin yaamateetti bobbaasa. Eegii ta ufii cufaa bobbaase, isii dura deema, hooliyyeen waan qoonqoo isaa beettuuf isa gula yaati. Keessumaa ammoo waan qoonqoo hinbeenneef gula hin yaatuu indheetti” jedhe. Fakkeenna kana Yesus warratti himee, warrii ammoo waan inniii itti hime hinmidhaaffanne. Tanaaf Yesus ammallee warraan, “Anin dhuguma dhugaatiin isanitti himaa, anin karra hooliyyeeti! Namii na dura dhufe cuftii hattuu fi saamtuu; hooliyyeen ammoo warra hindhageenne. Anin karra. Namii yo naan olseenee inbaafama; ammallee olhinseena, gadiillee inba'a, dheedaallee inargata. Hattuun, yo hatuuf, qaluuf, yakkuuf, dhufti malee hindhuftu. Anin ammoo akka hooliyyeen jireenna argatuuf dhufe, akka guddichee argattu.” “Anin tissituu dansaa. Tissituun dansaan jireenna ufii marroo hooliyyeetiif baafti. Namii bitamee hojjatu, ka hooliyyeen ta isaa hinta'iin, yo ya'iin dhuftuu lakkiseetti baqata; ya'iin hooliyyee qaqabdeetti bittinneesiti. Innii waan bitamee hojjatuuf, marroo hooliyyeetiif hindhibamu. Anin tissituu dansaa. Anin hooliyyee tiyya inbeeka, isiilleen na beetti, Akkuma Abbaan na beekee, anilleen Abbaa beeku; naaf hooliyyeen tiyyaalleen walbeenna; anin lubbuu tiyya marroo hooliyyeetiif baasa. Anin hooliyyee dhibii ta moonaa tana hinta'iin qaba; isiilleen dhufuu malee; isiin qoonqoo tiyya dhageetteetti ciisa tokko taati, tissituulleen tokko. Waan anin lubbuu tiyya deebisee fudhachuuf dabarsee kennuuf, Abbaan kiyya na jaalata. Namii tokkolleen narraa hinfudhatu, anumaatti ufumaan baasa malee. Anin jabeenna baasuunii fi ka ammallee deebisee fudhadhuun qaba. Dhaamsa kana anin gara Abbaa kiyyaatti argadhe” jedhe. Ammallee marroo dubbii tanaatiif Yihudiin gargarii baate. Warra keessaa namii hedduun, “Innii jinnii qabaa ammallee ya maraate! Maaf isa caqaftani?” jedhe. Namii garii ammoo, “dubbiin tun ta nama jinnii qabuutiiniti. Jinniiin dandeetee nama ballaa ila bantii?” jedhe. Bara dhaamochaa sun guyyaa jila qaabachaa gaafa mana Waaqaa Yerusaalem keesaatti banaanii eebbisanii, Yesus mana Waaqaa keessa fulaa cichaa Solomoon deemuu jira. Yihudiin isa marsitee, “Atin guyyaa hagam nutti tantammeessita? Atin yo Kiristoo taatee, diideesii nutti himi!” jetteen. Yesus deebisee “Anin ya isanittii hime, ammoo isan dhugeeffachuu diddani. Hujjiin anin maqaa Abbaa kiyyaatiin hojjadhu tunin naa dhugeesiti. Isan ammoo waan holiyyee tiyya hinta'iniif dhugeeffachuu diddan. Hooliyyeen tiyya qoonqoo tiyya dhageetti, anilleen isii beeka, isiilleen na gula yaati. Anin jireenna barabaraa kennaaf, isiin haga jirtu hindootu; namii tokkolleen harka kiyya keessaa hinfudhatu. Abbaan kiyya ka isii naa kenne cufa irra jira. Namii tokkolleen danda'ee harka Abbaa keessaa isaan hinfudhatu. Naa fi Abbaan kiyya nama takkaa” isaaniin jedhe. Jennaan Yihudiin ammallee dhakaachaa guurrattee isa hadhu feete. Yesus deebisee, “Anin hujjii dansaa hedduu, ta gara Abbaa kiyyaatti dhufte yaayyuu isan garsiise; hujjii tana keessaa tamiif dhakaan na haatani?” jedhee gaafate. Yihudiin, “Mar. roo hujjii dansaatiif si hinhaanuu, ammoo marroo atin Waaqaa arabsiteef si haana! Ammallee waan atin, adoo namaatuu, akka Waaqaa ufii tolchiteef” jette. Yesus warraan, “Seera keessan keessatti ‘Anin isan waaqaa’ la isaniin jedhe waan jedhaa hinbarreessinee? Nu akka dubbiin barreessiin jettu cuftii yo cufaa dhugaa, ammallee akka Waaqii warra dhaamsa ufii itti ergeen waaqaa jedhe inbeenna. Na ammoo Abbaa kiyyaatti na foohatee lafaatti na ergee, isan duuba maaf waan anin ilma Waaqaa ufiin jedheef, innii Waaqaa araabsa naan jettan ree? Yo anin hujjii Abbaa kiyyaa hinhojjane na hindhugeeffatinaa. Ammoo yo anin hojjadhe, yo na dhugeeffachuu baataniillee, hujii sun dhugeeffadhaa! Akkanaan akka abbaan na keessa jiru, aniilleen abbaa keessa jiru, akka dansaa hubattanii baraattanii” jedhe. Mar. roo lameessoo isa qabu fedhanii, innii ammoo harka warraa duraa ba'e. Ammallee Yesus fulaa Yoh. aannis qara itti nama cuuphe, ta galaana Yordaanositiin gamaa dhaqee, achi taa'e. Namii hedduun gara isaa dhaqee, “Dhugumaa Yoh. aannis akeeka hintolchinee, ammoo wantii nama kanaa ka Yoh. aannis dubbate cuftii dhugaa” jedhe. Namii hedduun achiitti isa dhugeeffate. Namichii Alaazaar jedhan ka obboleeyyan isaa ta dubraa Maariyaamii fi Maartaa ka warrii isaanii Bitaaniyaa tokko fayyaadhabe. Maariyaamiin sun ta dhadhaa urgaa Aabboo dibdee, miila isaa rifeensa mataa ufiitiin irraa haaxe, ta obboleessi isii Alaazaar fayyaadhabe. Obboleeyyan isaa nama Yesusiitti ergitee, “Aabboo! Kuunoo jaalii kankee kaan fayyaaniti.” jetteen. Yesus ammoo akkasi dhageennaan, “Dhukkubii kunin ka du'atiniti, ammoo wantii wannii kunin taateef akka akkasiin Waaqaa ulfeessaanii ilmii isaalleen ulfinna argatu” jedhe. Yesus Maartaa, obboleetti isitii fi Alaazaariillee injaalata. Innii eegii fayyadhaba Alaazaarii dhagaa'eellee fulaa jiru sun guyyaa lama taa'e. Jennaan eegii sunii Yesus jara ufiitiin, “Ka'aa ammallee gara lafa Yihudaa dachaanaa!” jedhe. Jarii isaa ammoo, “Aabboo! Yihudiin onanaa dhakaan si ijjeesuu feetee, ammallee atin achiitti deebitaa?” jettee gaafate. Yesus ammoo deebisee, “Guyyaan tokkoo saatii kudhanii lamaatiiyyuu? Namii guyyaan deemu waan ibsee aduu arguuf hingufatu. Namii halkaaniin deemu ammoo, waan ibsee ufi keessaa hinqamneef ingufata” jedhe. Yesus waan kana jennaan eegee, “Jaalii keenna Alaazaar hinrafa, ammoo anin hiriiba keessaa isa kaassuu dhaqa” warraan jedhe. Jennaan jarii isaa, “Aabboo yo rafe hinka'a” jedhe. Yesus waan du'a isaa baanee, warrii ammoo hiriibuma sehe. Jennaan Yesus diideesee warratti himee, “Alaazaar la du'e” jedhe. “Ammallee akka isan dhugeeffattan ka yo sun anin achi hinjirre, kaayoo teessan. Ammoo beennaa gara isaa nu yaasaa!” jedhe. Toomas (ka Lakkuu jedhan) waaheela ufitiin, “Beennaa, nulleen inyaanaa, akka isa waliin doonu” jedhe. Yesus dhumnaan, akka Alaazaar haga guyyaa afurii awwaala keessa bule dhagaye. Bitaaniyaan Yerusaalem irraa fagooniti haguma kiiloo metrii sadii, yokaan haguma deemmaa saatiillee hinguunnee. Yihudiin hedduun marroo lubbuu obboleessa warraatiif akka irraa hafaa jettuun gara Maartaatii fi gara Maariyaam dhufte. Maartaan akka Yesus dhufuu jiru dhageennaan, fuula keessa deemtee; Maariyaam manaatti hafte. Maartaan Yesusiin, “Aabboo, adoo atin silaa arma jiraattee, obbooleessi kiyya hindu'u. Ammumaallee ammoo akka waan Waaqaa kadhatu cufaa Waaqii sii kennu anin inbeeka” jette. Jennaan Yesus isiin, “Obboleessii kankee inuma ka'a” jedhe. Maartaan ammoo, “Akka innii guyyaa ka'iisa muummee ka'u anin inbeeka” jette. Yesus isiin, “Ka kaasuu fi ka jiraachisuulleen ana; namii natti dhugeeffatu, yo du'eellee, injiraata. Namii adoo jiruu natti dhugeeffatu haguma jiru hindu'u. Atin akkasi dhugeeffattaa?” jedheen Isiin, “Ee'ee Aabboo, akka atin Kiristoo, ilma Waaqaa, ka lafaatti dhufu jedhan, anin la dhugeeffadhe” jette. Maartaan akkasi jettee deemtee, obbooleetti isii Maariyaam laanuma yaamtee “Aabboon arma jira, si yaamaa” jetteen. Maariyaam dhageennaan hurrichee kaatee gara isaa dhaxe. Yesus ammallee ollaa hingeennee, ammoo fuluuma Maartaan itti argite jira. Yihudiin ta isii jajjabeessuuf mana keessa waliin jirtu, akka Maariyaam hurrichee baate arginaan, waan isiin gara awwaalaa deemtee boottu seetee isii gula yaate. Jennaan Maariyaam fulaa Yesus jiru geennaan isa argitee, miila isaaatti jiddee, “Aabboo, adoo silaa atin arma jiraatee obbooleessi kiyya hindu'u” jette. Yesus isii fi Yihudii ta isii gula dhuftee boottu arginaan, garaan isaa gubatee laaleffate. “Eessaatti awwaaltan?” jedhee warra gaafannaan, “Aabboo, koottii laal” jedhaniin Jennaan Yesus boo'e. Jennaan Yihudiin, “Mee laalaa, akka innii isa jaalate!” jette. Namii garii ammoo, “Namichii kunin, ka ila nama ballaa bane, silaa danda'ee nama kana du'uu hindhowwuu?” jedhe. Jennaan Yesus ammallee garaa ufii keessatti guddoo laalefatee, fulaa awwaalaa dhaqe. Awwaalii sun godda, qaraa dhakaa tokko afaantii gangalchanii cufani. Yesus, “Dhakaa irraa gangalchaa” jedhe. Maartaan obbooleetti namicha du'ee sun ammoo, “Aabboo, amma inaja'aa, haga du'ee ardha guyyaa afurii” jette. Jennaan Yesus, “Anin, atin yo dhugeeffatte, guddinna Waaqaa inagarta siin hinjennee?” jedhe. Duuba dhakaa sun irraa gangalchanii, Yesus olmillatee, “Aabboo, waan atin na dhageetuuf galata sii deebisa. Akka atin yo cufaa na dhageettu anin inbeeka, ammoo marroo gumii arma marsitee ciiftuu tanaaf anin waan kana jedha, akka isiin akka atin na ergite dhugeeffattu” jedhe. Waan kana jennaan innii qoonqoo olfudhatee lallabee, “Alaazaar, koottii, gaba'i” jedhe. Namichii du'e kaan ka wayaa awwaalatiin harkaa fi miilii walti hidhaansa qabu, ka ammallee fuula isaa bututuun hidhan, boollaa ba'ee, Yesus warraan, “Irraa hiikaa, haa deemuutii!” jedhe. Jennaan Yihudiin hedduun, ta Maariyaam waliin dhufte, ta waan innii tolche sun argite, isa dhugeeffatte. Jarii garii ammoo ka'ee gara Fariisotaa dhaqee, waan Yesus tolche itti hime. Jennaan qaallollee gugurddoofi Fariisotii jaarrollee koraa walitti yaamtee, “Namichii kunin akeeka hedduu tolchuu jiraa nu maan taana? Yo akkanaatti lakkimne, namii cuftii isatti dhugeeffata; duuba warrii Roomaalleen dhuftee mana Waaqaatii fi gosa teennaallee balleessaa!” jette. Namichii isaanii ka Qayyaafaa jedhan tokko, ka ganna sun qaallicha guddaa ammoo, “Isan homaa hinbeettan; fulaa gochitii teenna cuftii badduu, akka yo namii tokko gosaa jedhee du'e isiin irra dansaa hinherreddanii” warraan jedhe. Innii waan sun qalbii ufiitiin hinjennee, ammoo waan ganna sun qaallicha guddaa ta'eef, akka Yesus gosaa du'u fage. Innii gosa Yihudii callaa adoo hinta'in, akka gumii Waaqaa ta gargarii firfirfamtee walti deebise takka tolchuuf du'a. Duuba guyyaa sun jalqabee jarii akka Yesus ijjeesuu mari'ate. Tanaaf eegii sun Yesus deebi'ee Yihudii dura diidaatti hinbaanee, achii deemee, dhaattuu lafa alloo, dira tokko ka Efreem jedhan keessa, jara ufii waliin taa'e. Jiltii Yihudii ta Dabarsaa jedhan dhi'aannaan, lafa cufaa keessaa namii hedduun yaa'ee adoo jilitii hinga'in akka aadaa gula ufi qulqulleesuuf, Yerusaalemiitti ol ba'e. Warrii duuba Yesus barbaadee, mana Waaqaa keessa ejaajjee, “Maan seetan? Waan innii jila dhufu seetuu?” waliin jedhe. Qaallolee gugurdoo fi Fariisotii qaraa Yesus qabuuf, “Namii fulaa innii jiru beeku yo jiraatee ha nutti himuu” jettee ajajaa dabarsite. Guyyaa ja'a Jilaa Dabarsaatiin duraatti, Yesus Bitaaniyaa, fulaa Alaazaar ka innii du'a keessaa kaase jiru dhufe. Achiitti sagalee dhaabaniifii, Maartaan isa gololchite; Alaazaar ammoo warraa Yesus waliin taa'ee sagalee nyaate keessaa nama tokko. Jennaan Maariyaam killa tokko ka waan urgooftu dansaa akka dhadhaa qayyaa, ka hidda mukaa ka, “Naardoos” jedhan irraa hojjatame qabu, ka gatii gudddaa fuutee, miila Yesus dibdee, rifeensa mataa ufiitiin irraa haaxxee urgaan dhadhaa sunii mana sun cufaa qabatte. Ammoo jara Yesusii keessa, namii tokko ka Yihudaa Keriyoti jedhan, ka isa gurguruu fedhu; “Dhadhaa qayyaa kaan maaf qarsii kuma sadiitti gurguraanii hiyyeeyyii hinqoonne?” jedhe. Innii dubbii tana naasu hiyyeeyyitiif hinjennee, ammoo waan hattuu ta'ee, horii subbaatti naqan guuratuuf jedhe. Yesus, “Isii lakkisi! Isiin waan kana ha haga na awwaalaniitti olkeettuuti. Hiyyeeyyi guyyaa cufaa walumaan jirtan, anin ammoo guyyaa cufaa isan waliin hinjiru” jedhe. Yihudiin hedduun akka Yesus achi jiru dhageennaan, Yesus callaa laaluu hindhumnee, ammoo akka Alaazaar ka innii du'a keessaa kaase, argitu dhufte. Tanaaf qaalloleen gugurdoon akka Alaazaariillee ijeechu mari'atte. Waan marroo isaatiif Yihudiin hedduun dhuftee Yesusiitti dhugeeffatteef. Boriyyaa gumiin guddoon ta jilaa dhuftee, akka Yesus Yerusaalem dhufu dhageennaan, dameelee meexxii guurattee fuula keessa isa yaatee, caartee, “Waaqaa faarsaa! Nama maqaa abbootiin dhufu Waaqii haa eebbisuu! Hayyuu Israa'elii Waaqii haa eebbisuu!” jette. Yesus bukura harree arginaan yaabbate; akkuma qaraa barreessiin, “Dira Xiyoon hinsodaatin! Laali, hayyuun kankee bukura harree yaabbatee gara kankee dhufuu jiraa” jettu. Waan kana jarii isaa gaafasi hinhubanne; ammoo eegii Yesus guddinna ufiitiin gubbaatti olgale, akka barreessiin tun waan isaa dubbatte, ammallee akka waan kana isaa tolchan qaabate. Gumiin gaafa innii Alaazaar awwaala keessaa yaamee, du'a keessaa kaase isa waliin jirtu taan, waan gaafasii agarte cufa haasofte. Biyyitii waan akeeka innii tolche dhageeteef fuula keessa isa yaate. Jennaan warrii Fariisotaa, “Laalaa, akka isan homaa hindandeenne, biyyitii lafaa cuftii la isa gula yaatee” waliin jedhe. Namii garii ka akka Waaqaa kadhatu gara jilaa olyaa'e gosa Griikiiti. Jarii kunin Filiphos, nama Betsayidaa ka lafa Galiilaa bira dhufee kadhatee, “Aabboo, silaa Yesus arguu feenna” jedheen. Filiphos gara Indriiyaas dhaqee isatti himee, Indriiyaasa fi Filiphos Yesusiitti himuu dhaxe. Yesus ammoo deebisee, “Guyyaan ilmii namaa guddinna argatu ya dhufe. Anin dhuguma, dhugaatiin isanitti himaa, gumaan dargaayyee tokko yo lafa bu'ee shamee malee, kophuuma ufii taa'aa, ammoo yo shamee biqilee midhaan hedduu baasa. Namii lubbuu ufii jaalatu hindhaba; namii lubbuu ufii jibbu, lafa tana keessatti jireenna barabaraatii fi lubbuu ufii olkeyata. Namii naa hojjatuu na gula deemuu malee; fulaa anin jiru hojjattuun tiyyaalleen jirti. Nama naa hojjatuullee Abbaan kiyya inguddisa” jedhe. “Garaan kiyya ammatana herrega gaargalaa qabaa anin maan jedha? ‘Aabboo, gaargala kana keessaa na baasi!’ jedhaa ree? Hiyyoo. Mar. roo gaargala kanaatiif anin guyyaa kana ga'e. Aabboo, maqaa kankee guddisi!” jedhe. Jennaan qoonqoon tokko Waaqaa gubbaa dhuftee, “Anin yaayyuu guddisee, ammallee itti deebi'ee guddisa” jette. Gumiin ta achi ejaajjitu dhageennaan, “Waaqii ya mandi'e” jette. Ta garii, “Ergamaa gubbaatti isaanii dubbate” jette. Yesus ammoo deebisee, “Qoonqoon tun marroo tiyyaaf hindhumnee, marroo teesaniif dhufte. Ammatana muraatti lafa tana jira; guddaa lafa tanaa ammatana hinballeessan. Aniilleen, yo lafa tanaa oli na fuudhan, nama cufaa ufiiti hirkisa” jedhe. Innii waan kana du'a akkamii akka du'u garsiisuuf jedhe. Gumiin deebichee, “Nu seera keessatti akka Kiristoon haga hegerii taa'u yaayyuu dhageennee; atin akkam ilma namaa lafa tanaa olfuudhuu malan jetta ree? Ilmii namaa kunin eennuu kanaa?” jetteen. Jennaan Yesus, “Ibseen haga diqqaa tokkoo callaa isan waliin jirti; adoo ibsee qabdaanuu yaa'aa! Akka dukkantii isan hindhaqamne. Namii dukkana keessa deemu gara deemu hinbeeku. Akka ilmaan ibsee taatan, adoo ibsee qabdanuu ibsee sunitti dhugeeffadhaa!” warraan jedhe. Yesus waan kana dubbannaan ka'ee warra duraa dhokate. Adoo Yesus akeeka hedduu warra duraatti tolcheellee, warrii isaatti hindhugeeffanne, tunin akka dubbiin raagii Isaayas dubbate guutamtuuf, ta innii “Aabboo, eennuutti dhaamsa keennaa dhugeeffate? Jabeennii Aabboo eennuutti mullate?” jedhe. Mar. roo waan kanaatiif dhugeeffachuu dadhaban, waan Isaayas ammallee dubbatee, “Innii la ila warraa duuchee, qalbii warra dhowee, akka warrii ila ufiitiin argee, qalbii ufitiin baratee, akka anin warra fayyisu gara kiyya hindeebine” jedhe. Wantii Isaayas dubbii tana jedheef, waan innii guddinna isaa argee, waan isaa dubbateef. Taatuullee warrii gugurdaan hedduun Yesus dhugeeffatee; ammoo marroo Fariisota sodaataniif akka mana Waldeennaa seenu warra hindhowarre hinhimanne. Wantii akkanaatiif warrii ulfinna Waaqaa irraa ka namaa fedha. Jennaan Yesus qoonqoo olfudhatee, “Namii na dhugeeffatu, na hindhugeeffatuu, ammoo ka na erge dhugeeffata. Namii na argu ka na ergeellee hinarga. Anin akka namii natti dhugeeffatu dukkana keessaa hinteenne ibsee ta'ee lafa tanaatti dhufe. Anin adoo namii dubbii tiyya dhaga'ee guutuu baateellee, nama tokkollee wallaala itti hinmuru. Wantii akkanaatiif anin wallaala namaatti muruu hindhumnee, ammoo nama baasuu dhufe. Namii na didee dubbii tiyya hinfudhannee, nama itti muru tokko qaba. Guyyaa muummee dubbii anin dubbadhe suniitti wallaala itti mura. Anin yaada kiyyaan hindubbannee, ammoo Abbaa na ergeetti seera natti kennee waan anin dubbadhuu fi waan anin jedhuullee na jechisiise. Ammallee akka seerii isaa jireenna barabaraa namaa kennu hinbeeka. Wantii anin dubbadhu kun waan Aabboon, ‘Dubbadhuu’ naan jedhe” jedhe. Adoo jiltii dabarsaa jedhan hinga'in, Yesus akka yo'ii innii lafa tana keesaa ka'ee gara Abbaa galu dhi'aate beeke. Innii jara ufii ka lafa tana gubbaa waliin taa'ee akkum qaraa guddoo jaalatee, hagasiillee irra jaalala muummee hinqamne jaalate. Yo Warrii sagalee nyaatee tataa'ee sheexanii laayyuu Yihudaa ka Keriyoti jedhan, ka ilma Simoonii keessa seenee akka innii Yesus gurguru herresiise. Yesus akka Abbaan waan cufaa harka isaa keessa kaa'e, ammallee akka ufiillee gara Waaqaatii dhufee, gara Waaqaatti deebi'u beennaan, sagalee irraa olka'ee, wayaa ufii lafa ka'ee, wayaa diqqoo tokko marxifate. Jennaan bisaan qoriitti buusee, jara ufiitii miila dhiqee, wayaa ufii ta marxifateen miila warraa gosse. Innii fulaa Simoon Phexros ga'ee jennaan Phexros, “Aabboo, atin miila naa dhixaa?” jedheen. Yesus ammoo, “Waan anin ammatana tolchuu jiru atin hinbeettuu, ammoo eegii tanaa inbaratta” jedhee deebiseef. Phexros, “Haga jiruu jireennaallee miila naa hindhixxu!” jedheen. Jennaan Yesus, “Yo anin sii dhiquu baadhee, atin homaa na biraa hinqabdu” jedhee deebiseef. Simoon Phexrosiin, “Miila callaanitii, ammoo harkaafi mataallee naa dhiqi” jedhe. Yesus, “Namii nafa dhiqatee, miila malee, waan itti deebi'ee dhiqatuuf hinqabu, innii ya qulqullaa'e. Isaniin cuftii qulqulloo, tokko malee” jedhe. Innii waan nama isa gurguru beekuuf, tanaaf, “Isan cuftii qulqulloo tokko malee” jedhe. Yesus eegii miila warraa dhiqee wayaa ufii fudhatee, deebi'ee ta'ee “Waan anin isanii tolche beetuu? Isan ‘Barsiisaa, Aabboo’ jettaniitti na yaamtan, akkuma jettaniillee, anuu akkasumaa. Yo anin Barsiisaa fi Aabbaa keessan ta'ee miila keessan dhiqee, isaniilleen miila walii dhiquu maltan. Anin ya akka isaniilleen waan anin isanii tolche tolchitan akeeka isanii kenne. Anin dhuguma, dhugaatiin isanitti himaa, hojjataan nama isa hojjachiifatu irra hinjiru, yokaan ergamaan nama isa ergate irra hinjiru. Isan yo waan kana beettanii tolchitan, kaayoon teessani!” jedhe. “Anin isanii cufaa hinbaanu; nama foohadhe anin inbeeka. Ammoo barreessiin ta, ‘Namii na waliin qixxaa nyaatuu natti garagalaa’ jette guutamuu malte. Armaa achi adoo wantii kun hinta'in isanitti hima, akka yo isiin taate, akka anin isumaa dhugeeffattan. Dhuguma, dhugaatiin waan anin isanitti himuu, namii nama anin ergu fudhatee, nallee ya fudhate; ammallee ka na fudhatuu nama na erge fudhata” jedhe. Yesus eegii waan kana dubbatee guddoo laaleffatee, diideesee himee, “Dhuguma, dhugaatiin waan anin isanitti himuu, isan keessaa, namii tokko na gurgurata” jedhe. Jarii isaa ammoo waan eennuu akka innii dubbate wallaalee walmimillate. Jara isaa keessaa namii tokko, ka Yesus jaalate, bobaa Yesusiitti hirkatee taa'uu jira. Simoon Phexros harkaan isa yaamee, “Namii innii baanu eennu? Gaafadhuu mee” jedheen. Innii, adoo qoma Yesusiitti hirkatuu, “Aabboo, namii ati baantu sun eennu?” jedhee gaafate. Yesus, “Namii anin qixxaa kana cabsee fuutoon tuqee itti kennu isa” jedhee deebiseef. Duuba innii qixxaa fuudhee, fuutoon tuqee Yihudaa Keriyoti ka ilma Simooniitti kenne. Akkuma Yihudaan qixxaa fudhateen, Sheexanii isa keessa seene. Jennaan Yesus, “Waan tolchuu feetu hurrisii tolchi!” jedheen. Namii achi taa'uu tokkolleen waan innii akkasi jedheef hinbeenne. Namii garii waan Yihudaan subba horii harkaa qabatuuf waan Yesus, “Waan nu jilaa feenuu nuu biti!” yokaan, “Hiyyeeyyii horii kenni” jedheen sehe. Jennaan innii qixxaa sun fudhannaan yoma sun alaatti ba'e. Yo sun laftii halkaan. Yihudaan baanaan Yesus, “Amma guddinnii ilma namaa la mullate, guddinnii Waaqaalleen la isa keessaan mullate. Guddinnii Waaqaa yo isa keessaan mullatee, yoos Waaqumaatti guddinna ilma namaallee mullisa, ammallee hurrisee mullisa. Ijoollee tiyya, nu haga diqqaa waliin jira. Isan na barbaaddan, ani ammallee akkuma qaraa Yihudiin jedhee isaniilleen jedhaa, ‘Fulaa anin deemu isan dandeettanii hindhuftani.’ Seera haaraa isanii kennaa, akkuma anin isan jaaladhee, isaniilleen akkasuma waljaaladhaa! Yo isan akkanaan waljaalattan namii cuftii akka isan nama kiyyaa inbeeka” jedhe. Simoon Phexros, “Aabboo, eessa deemta ree?” jennaan Yesus, “fulaa anin deemu amma dandeetee na gula hindhuftuu; ammoo eegii tanaa na gula dhufta” jedhe. Phexros ammoo, “Aabboo, maaf amma si gula dhufuu hindandeenne? Anin marroo teetiif indu'aa” jedheen. Jesus ammoo deebisee, “Atin marroo tiyyaaf indootaa? Anin dhuguma, dhugaatiin sitti himaa, adoo kormii lukkuu hiniyyinee, atin marroo sadii na mormatta” jedhe. “Garaan keessan hin raafamin, Waaqaatti dhugeeffadhaa; akkasuma nallee dhugeeffadhaa! Mana Abbaa kiyyaa keessa fulaan taan hedduutti jira, adoo silaa hinjirre taatee isanitti hima; anin deemeetti fulaa isanii qopheessa. Anin yo deemee fulaa isanii qopheessee, akka fulaa ani jiru sun isaniilleen arti teetanii, deebi'eetti dhufee fulaa tiyyaatti isan geessa. Gara anin deemuullee karaa la barattani” jedhe. Toomas ammoo, “Gara atin deemtuu hinbeennuu, akkamiin karaa beenna?” jedhee gaafate. Yesus deebiseef, “Karaan, dhugaa fi jireenniilleen ana; anaan yo ta'e malee namii tokkolleen gara Abbaa hindhaqu. Adoo silaa na beettanii, Abbaa kiyyaallee inbeettan; armaa achi isa inbeettani ammallee isa ya argitani” jedheen. Filiphos ammoo, “Aabboo, Abbaa nu agarsiisi, nu inquumnaa” jedheen. Yesus deebisee, “Ilaa Filiphos, nu guyyaa hedduu waliin teennee, ammallee na hinbaraannee? Namii na arge Abbaallee la arge; atin akkam, ‘Abbaa nu garsiisi’ jetta ree? Isii Filiphos, akka anin Abbaa keessa jiru, Abbaalleen na keessa jiru hindhugeeffannee? Anin dubbii isanitti dubbadhu cufaa yaada kiyyaan hindubbadhuu, ammoo abbaa na keessa jiruutti hujjii ufii hojjata. Akka anin Abbaa keessa jiru, ammallee akka Abbaan na keessa jiru, dhugeeffadhaa! yo akkasi hindhugeeffannee, marruma hujiitiif na dhugeeffadhaa! Anin dhuguma, dhugaatiin isaniin jedhaa, namii natti dhugeeffatuu, waan anin tolchu cufaa inniilleen intolcha, waan anin gara abbaa kiyyaa galuuf, ta hagana irra jirtuullee intolcha. Akka guddinnii Abbaa ilma keessatti mullatu waan isan maqaa kiyyaan kadhattan cufaa ani intolcha. Yo isan waan tokkollee maqaa kiyyaan kadhattan, anin intolcha.” “Yo na jaalattan, seera kiyya inguuttani. Anin Abbaa kadhadhaa, duuba innii qarqaarsa dhibii ka haga jiruu jireennaallee isan waliin jiru isanii erga. Innii hafuura dhugaati, biyyitii lafaa waan isa hingarreef yokaan isa hinbeenneef, dandeettee isa hinfudhattu, isan ammoo waan innii isan waliin taa'ee haga hegeriillee isan keessa taa'uuf hinbeettan. Anin kophaatti isan hindhiisuu; isanitti deebi'a. Bultii diqqoon duuba namii lafaa deebi'ee na hinarguu, isan ammoo na gartani, waan anin jiruuf isaniilleen injiraattan. Guyyaa sun akka anin Abbaa kiyya keessa, isan ammoo na keessa, anilleen isan keessa jiru inbeettan. Namii seera kiyya fudhatee guutu na jaalata. Nama na jaalatu Abbaan kiyyaalleen injaalata; anilleen isa jaaladheetti isa ufii beesisa” jedhe. Jennaan Yihudaa ka Keriyoti adoo inta'in tokko dhibiin, “Aabboo akkam ufi nu beesiftee nama lafaa ufi hinbeesifne ree?” jedheen. Yesus deebisee, “Namii yo na jaalate dubbii tiyya guuta, Abbaan kiyyaalleen isa jaalata, ammallee nu isaatti dhumnee fulaa isaa teenna. Namii na hinjaalannee dubbii tiyya hinguutu, dubbiin isan dhageettan ta abbaa na ergee malee tiyyaaniti” jedheen. “Anin adoo walumaam jiruu waan kana cufaa yaayyuu isanitti hime. Ammoo namii isan jabeesu, ka Hafuura Qulqulloo jedhan, ka Abbaan maqaa kiyyaan ergu, waan cufaa isan barsiiseetti waan anin isaniin jedhe cufaa isan qaabsiisa. Nagayaan tahaa, nagaa kiyya isanii kennaa; akki anin isanii kennu akka namii lafaa walii kennuuniti, garaa keessan keessa raafamtanii, hinsodaatinaa! Akka anin, ‘Deemeetti isanitti deebi'a’ jedhe, la dhageettani; adoo silaa na jaalatanii, waan anin gara abbaa kiyyaa deemuuf ingammaddan; Wantii akkanaatiif Abbaan kiyya narra guddaa. Adoo guyyaan hinga'in, akka yo guyyaan sun ga'ee dhugeeffattan, anin ya isanitti hime. Armaa achi anin guddoo isaniin hindubbadhu, maaliif hayyuun lafa tanaa dhufuutti jira, haa ta'u malee innii jabeenna homaatuu ka wa'iin na tolchu hinqabu. Ammoo namii lafaa akka anin Abbaa jaaladhu beeku malee, tanaaf anini waan cufaa akkuma innii tolchi naan jedhe tolcha. Ka'aa armaa nu yaasaa!” jedhe. Anin Zabibuu dhugaati, Abbaan kiyya abbaa oobruuti. Damee na keessa jirtu ta midhaan hinbaamne cufaa innii hinballeessa, damee midhaan baaftu cufaa ammoo akka haga qaraallee irra midhaan baaftu innii kolkoleetti midhaassa. Isan marroo dubbii anin isanitti himee suniif qaraa la qulqullooftani. Na keessa taa'aa! Aniilleen isan keessa taa'aa. Akkuma dameen yo muka weyniitti ejjite malee, kophaa ufii midhaan hinbaamnee, akkasuma isaniilleen yo na keessa teettan malee, homaa hindandeenne. Anin muka weyniiti, isan dameelee; nama na keessa taa'ee aniilleen keessa taa'uu callaatti midhaan guddoo baasa; wantii akkanaatiif na malee dandeetanii homaa hintolchitani. Namii na keessa hinteenne, akkuma damee alaattii gatani; duuba hingoga; dameelee sun walti guuraniitti ibiddaatti naqanii gubani. Isan yo na keessa teetanii dubbiin tiyyaalleen isan keessa teete, waan feetan cufaa kadhadhaa, isanii kennanii. Waan isan akkanaan, midhaan guddoo baafatanii jara kiyya taataniif, Abbaan kiyyaa inguddifamaa. “Akkuma Abbaan na jaalatu, aniilleen isan jaaladha; jaalala tiyya keessa taa'a! Akkuma anin seera Abbaa kiyyyaa cufaa guutee, jaalala isaa keessa taa'uu, isaniilleen seera kiyya cufaa yo guutan jaalala tiyya keessa teettani. Akka gammadii kiyya isan keessa taa'ee, gammadii keessaniilleen guutamuu anin waan kana cufaa yaayyuu isanitti hime.” “Seerii kiyya kanaa, akka anin isan jaaladhe isaniilleen waljaaladhaa! Namii tokkolleen jaalala hagana irraa hinqabu, ta namii marroo jaallan ufiitiif du'u. Waan anin isanitti hime yo guuttan, isaniilleen jaallan tiyya. Armaa achi tisseelee isaniin hinjedhu; marroo tissichii waan abbaan tolchu hinbeenneef. Anin ammoo jaallaan tiyya isaniin jedha, waan dubbii Abbaa kiyya irraa dhaga'e cufaa isanitti himeef. Isan na hinfoohanne, ammoo natti isan foohate; akka deemtanii midhaan baaftaniif, midhaan keessaniilleen akka hinhamaanneef, tanaaf waan maqaa kiyyaan kadhattan cufaa Abbaan isanii kenna. Waan kana duuba anin isanitti himaa, waljaaladhaa!” jedhe. Yesus itti dabree, “Yo namii lafaa isan jibbee, akka adoo isan hinjibbin, na jibban beekaa! Adoo isan nama lafa tanaa taatanii, namii lafa tanaa akkuma waljaalatu isaniillee jaalata; ammoo waan isan nama lafaa hinta'iiniif ammallee waan anin lafa keessaa isan foohadheef, namii lafaa isan jibba. Dubbii anin, ‘Hojjataan abbaa ufii ka hojjachiifatu irra hinjiru’ isaniin jedhe tana qaabadhaa! Namii yo qaraa na gaargalchee, isaniillee ingaargalcha; namii yo jecha kiyya guutee, keessaniillee inguuta. Ammoo waan nama na erge hinbeenneef, waan kana cufaa marroo maqaa kiyyaatiif isan tolchan. Adoo silaa anin dhufee warratti himuu dhibaadhee, cubbuu hinqaban; ammoo ammatana waan cubbuun dhoffatan hinqabani. Namii na jibbu Abbaa kiyyaallee hinjibba. Adoo silaa anin hujjii namii tokkolleen jiddu warratti hintolchin tolchuu dhibaadhee, cubbuu hinqaban; amma ammoo warrii naafi Abbaa kiyyaallee ya argee jibbe. Wantii kunin cuftii akka dubbiin seera warraa keessatti barreessan ta, ‘ufumaa na jibban’ jettu guutamtuuf taati.” “Ammoo qarqaarsii anin gara Abbaa kiyyaatii ergu yo dhufuu, hafuura dhugaa ka gara Abbaa kiyyaattii ba'u suniitti naa dhugeesa. Isaniilleen waan haguma duriitii na waliin jirtaniif naa dhugeesitan” jedhe. “Akka dhugeeffachaan teessan laaftee isan karaa iraa hingore, anin waan kana laayyuu isanitti hime. Manneen waldeennaa keessaa isan yaasani. Tana maleellee, yo'ii namii isan ijjeesu waan Waaqaa hojjatu ufii sehu indhufa. Warrii waan kana cufaa marroo naa fi Abbaa hinbeenneef isan tolcha. Ammoo, akka yo guyyaan sun ga'e, waan anin durii isanitti hime cufaa qaabattan, waan kana qaraa ya isanitti hime. Hujji Hafuura Qulqulloo waan waliin jiruuf, waan kana anin gaafa qaraa isanitti hinhimne.” “Amma ammoo gara nama na ergee gala; isan keessaa namii tokkolleen ka, ‘Garam deemta?’ jedhee na gaafatu hinjiru. Waan anin waan kana isaniin jedheef ammoo, la guddoo laalefattani. Anin ammoo dubbii dhugaa isanitti himaa, yo anin deeme irra isanii jirti; wantii akkanaatiif yo anin hindeemin, qarqaarsii kaan isanii hindhufu. Anin ammoo yo deeme, isa isanii erga. Innii gaafa dhufu, akka cubbuun jirtu, akka qajeelumtiilleen jirtuu fi akka Waaqii wallaala namaatti muru nama hubachiisa; waan warrii natti hindhugeeffanneef, akka cubbuun jirtu ingarsiisa; akka qajeelumaan jirtu, waan anin gara Abbaa dhaquuf, duuba isan itti deebitanii na hinargitan; akka Waaqii wallaala namaatti muru, waan hayyuu lafa tanaa wallaala itti muraaniif.” “Anin ammallee waan hedduu ta isaniin jedhu qabaa, ammoo amma dandeettanii hinfudhattani. Hafuurii dhugaa sun yo dhufu, gara dhugaa cufaa isan geessa; innii waan ufii hindubbatuu, ammoo waan dhagaayee dubbata, waan eegii tanaa dhufaallee isanitti hima. Innii na guddiseetti waan kiyya fuudhee isan garsiisa. Wantii Aabboon qabu cuftii tiyya; tanaaf anin, innii waan kiyya fuudhee isan garsiia isaniin jedha” jedhe. “Bultii diqqoon duubaatti deebitanii na hinagartan; ammallee bultii diqqoon duubaatti deebitanii na agartan” jedhe. Jennaan jarii isaa ka garii, “Wantii innii ‘Bultii diqqoon duubaatti na hinargitan, ammallee bultii diqqoon duubaatti deebitanii na argitan; waan anin gara abbaa kiyyaa dhaquuf’ nuun jedhe kunin maali?” waliin jedhe. Duuba warrii, “Wantii innii, ‘Bultii diqqoon duubaatti’ jedhe tunin maan? Waan innii jedheef hinmidhaafannee” jedhe. Yesus akka warrii isa gaafachuu fedhuu beennaan, “Waan anin, ‘Bultii diqqoon duubaatti na hinargitani’ ammallee, ‘Bultii diqqoon duubaatti deebitanii na agartan’ jedhe sun walgaafachuu jirtanii? Anin dhuguma, dhugaatiin isanitti himaa, isan laaleffattanii boottan, namii lafaa ammoo ingammada; isan laaleffattanii, laalaltii teessan ammoo garagaltee gammada taati. Nadheen yo ciniinsifattu, marroo guyyaan isiin deettu ga'eef inlaalefatti. Isiin ammoo eegii ilmee dhaltee, waan nama lafaatti dhalteef gammachuufuu deebitee laalaala sun hinqaabattu. Tanaaf isan amma laalaala qabdan; ammoo anin deebi'eetti isan arga, garaan keessan ingammada, gammada keessan kana namii tokkolleen danda'ee isan irraa hinfudhatu. Guyyaa sun isan homaa na hingaaffattan; anin dhuguma, dhugaatiin isanitti himaa, waan isan maqaa kiyyaan Abbaa kadhattan cufaa innii isanii kenna. Haga ardhaa isan takka maqaa kiyyaan homaa hinkadhanne; akka gammadii keessan qixaa'u kadhadhaa, inargattan” warraan jedhe. “Waan kana anin mammaassaanii isanitti hime; guyyaan anin danda'ee mammaassaanii isanitti hindubbanne indhufa, ammoo diideesseetti waan Abbaa isan garsiisa. Gaafas isan maqaa kiyyaan kadhattan; ammalleen anin Abbaa isanii kadhadha isaniin hinjedhu. Abbaan ufiiyyuu waan isan na jaalattanii, akka anin gara Waaqaatii dhufe dhugeeffattaniif, isan jaalata. Anin Abbaa biraa ba'ee gara lafaa dhufe; anin ammallee lafa dhiisee gara Abbaa deebi'a” jedhe. Jennaan jarii isaa, “Laal, atin amma mammaassaan hindubbattuu ammoo, diideesitteetti dubbattaa. Nu amma akka atin waan cufaa beettu la hubannee, waan namii wa si gaafatuuf hinqabdu. Waan kanaaf akka atin gara Waaqaatii dhufte dhugeeffanna” jedhe. Yesus deebisee, “Isan ammatana dhugeeffattanii? Laalaa, guyyaan isan gargarii firfirfamtan indhufaa, ammaa ya dhufe; namii cuftii gargarii firfirfameetti, kophaa na lakiftani. Anin ammoo kophaa hinjiru; Abbaa walumaan jiraa. Akka na keessaa nagaa argattan; lafa keessaa dhiphuu argattan, anin waan kana ya isanitti hime; ammoo garaa jabaadhaa! Anin ya lafa dabsadhee” jedhe. Yesus dubbii tana dubbannaan gara Waaqaa olmillatee, “Aabboo, yo'ii ya ga'ee, ilma kankee guddis, akka ilmiilleen si guddisu. Akka innii nama ati isaa kennite cufaa jireenna barabaraa kennu ati nama cufaa irra ya humna isaa kennite. Ammallee jireennii barabaraa kana, akka atin Waaqaa tokkocha dhugaa si beekanii, Yesus Kiristollee ka atin ergite beekan. Anin lafa irratti la si ulfeesse hujii atin naa kennite sun hobaamnaan. Ee'ee Aabboo, ulfinna nu adoo laftii hinuumamin waliin qamnu sun, ammatana naa kenni!” “Anin maqaa kankee nama atin lafa keessaa naa kennite ya beessiise. Warrii qaraa namuma keeti, atilleen ya warra naa kennitee, warriilleen dubbii tantee la guute, amma waan atin naa kennite cufaa, akka isiin gara keeti baatu, ya baratan. Anin dubbii atin naa kennite cufaa yaayyuu warraa kenne; warriilleen yaayyuu fudhatee, akka anin gara keetii dhufeellee akka isiin dhugaa beekee, ammallee akka atin na ergiteellee dhugeeffate.” “Anin warraa kadhadha, nama lafaatii hinkadhadhu, ammoo warra atin naa kennitee inkadhadha; waan warrii kankee ta'eef. Wantii kiyya cuftii kankeeti, wantii keelleen kiyya; guddinnii kiyya warra keessaa mullata. Anin ammatana lafa keessa hintaa'u, ammoo jarii kunin lafa keessa taa'a; anin gara kankee dhufa. Ee'ee Abbaa qulqulloo, jabeenna kankee ka atin naa kennite sunin warra qorqoradhuu akka warrii akkuma kenna takkaa ta'u! Anin haga warra waliin jiru, maqaa kankee ka atin naa kennitte sunin, yaayyuu warra tissee, qorqoradhe; ilma badii sun malee warrii tokkolleen hinbanne, akka barreessin guutamtu. Ammatana anin gara kankee dhufa, akka ammoo gammadii kiyya garaa warraa guutuu waan kana lafa keessatti dubbadha. Anin dubbii tantee yaayyuu warratti kenne; akkuma anin nama lafaa hinta'in, warriilleen nama lafaa waan hinta'iniif namii lafaa ya warra jibbe. Akka atin isaa hamaa sun irraa warra dhowartu malee, akka atin lafa keesaa warra baaftu hinkadhadhu. Akkuma aniilleen ka lafaa hinta'in, warriilleen ka lafaatiiniti. Dubbiin tantee dhugaa, dhugaan warra qulqulleessi! Akkuma atin lafaatti na ergite, aniilleen akkasuma warra ya lafa keessa erge. Mar. roo warraatiif anin ufi qulqulleessa, akka warrii dhugaan qulqullaa'u.” “Anin warraa callaa hinkadhadhu, ammoo nama marroo dubbii warraatiif na dhugeeffatuullee cufaa inkadhadha. Wantii anin kadhadhu, akka warrii cuftii takkaa ta'u, akkuma Aabboo, atin na keessa jirtu, aniilleen si keessa jiru, akka akkasuma warriilleen nu keessa jiraatu. Ammallee akka namii lafaa, akka atin na ergite dhugeeffatu. Akkuma nu takkaa taane, akka warrii cuftii takkaa ta'uu, guddinna atin naa kennite anin yaayyuu warraa kenne. Anin warra keessa jira, atilleen na keessa jirta, akka warrii akkuma dhugaa takkaa ta'u, akka namii lafaa akka atin na ergite beekee, ammallee akka atin akkuma na jaalattu warraallee jaalattu beeku! Ee'ee Aabboo, akka namii atin naa kennite sun fulaa anin deemu na waliin taa'u fedha, akka guddinna kiyya ka atin adoo laftii hinuumamin na jaalatee naa kennite sun argan. Ee'ee Aabbaa dhugaa, namii lafaa qaraa si hinbeeku, anin ammoo si beeka, jarii kuniilleen akka atin na ergite inbeeka. Aniilleen maqaa kankee yaayyuu warra barsiise, ammallee inuma barsiisa, akka jaalaltii atin na jaalatte warra keessa teetee, aniilleen warra keessa taa'u” jedhe. Yesus dubbii tana dubbannaan ka'ee, jara ufii waliin laga Qedroon jedhan taakkee; oobruutti achi jiraa isaa fi jarii isaalleen achi duude. Waan Yesus marroo hedduu jara ufii waliin fulaa sun dhaqeef, Yihudaan ka isa gurguruulleen fulaa sun inbeeka. Tanaaf Yihudaan warra waraanaa ka eedduu Mana Waaqaa ka qaallolee gugurdoo fi Fariisotii ergite, ka ibsee hedduu fi mi'a lolaatiin yaa'u, guuree gara oobruu sun dhaqe. Jennaan Yesus waan isaatti dhufuu jiraa cufaa beennaan, warratti deemee, “Eennu barbaaddan?” jedheen. Warrii deebisee, “Yesus Naazireetii barabaanna” jennaan Yesus, “Anuu isa” jedhe. Yihudaalleen ka isa gurguru warra waliin jira. Yesus, “Anuu isa” jennaan rifatanii dudda duubaatti deebi'anii lafaa jijigan. Yesus ammallee, “Isan eennu barbaaddan?” jedhee warra gaafatee jennaan, “Yesus Naazireetii” jedhan. Yesus deebisee, “Anin laayyuu, ‘Anuu isa’ jedhee isanitti himee, yo na barbaaddan, warrii kun ha yaa'uuti!” jedhe. Wantii innii akkana jedheef akka dubbiin innii durii jedhe, ta “Aabboo, jara atin naa kennite keessaa tokkollee hinballeessine” jettu guutamtuuf. Jennaan Simoon Phexros goraadee qalqala ufii keessaa luqqifatee, hojjataa qaallicha guddaa dha'ee, gurra mirgicha irraa kute. Maqaan hojjataa sunii Maalkos. Yesus ammoo Phexrosiin, “Goraadee tantee qalqalaatti deeffadhu! Mala keetiiti, muduunuu gaargalaa ta Aabboon naa kenne anin indhuguu?” jedhe. Jennaan warrii waraanaa, namicha guddaa warraanaatii fi hojjattootii Yihudiin ergite Yesus qabdee hiite. Qaraa gara Haannaas isa geessan; innii abbaa niitii Qayyaafaa, ka ganna sun qaallicha guddaa ta'e. Qayyaafaan sunin ka, “Namii tokko biyyaaf du'uu malee” jedhee Yihudiitti hime. Simoon Phexrosii fi namii Yesusii tokko Yesus gula yaa'ani. Qaallichii guddaan namicha sun guddoo fuula beekaa, tanaaf innii Yesus waliin cichaa qaallicha guddaatiin ba'e. Phexros ammoo karra dura ala ejje. Namichii qaallichii guddaan fuula beeku kaan gaba'ee, intala karra eeddu tokkoon dubbatee, Phexros olseensise. Intaltii karra eeddu taan Phexrosiin, “Atin nama nama kanaatiiyyuu?” jette. Innii ammoo, “Hiyyoo, anin nama isatiiniti” jedhe. Hojjatotaa fi warrii waraanaa waan laftii dhaamotuuf cilee bobeessee dhaattuu ejaajjee qanqamachuu jiraa; Phexrosiilleen warra waliin ejjee qanqamate. Jennaan qaallichii guddaan Yesusiin, “Waan jara keetiitii fi ka barsiisa teetii natti himi” jedhe. Yesus deebisee, “Anin diideessee nama cufaatti dubbadhe, anin guyyaa cufaa manneen Waldeennaatii fi mana Waaqaa keessaalleetti fulaa Yihudiin itti walwaldeettuutti barsiisee, homaa dhossaan hindubbanne. Maaf na gaafatta? Nama waan anin namaan jedhe dhagaye gaafadhu; warrii waan ani jedhe inbeekaa” jedheen. Innii akkasi jennaan namii waraanaa ka isa bira ejju tokko, “Atin akkam qaallicha guddaatti akkana dubbatta?” jedhee dhabanaase. Yesus deebisee, “Yo anin waan hamtuu dubbadhee, waan hamtuu sun dhugeessi! Ammoo yo anin waan dansaa dubbadhe maaf na dhabanaafta?” jedheen. Jennaan Haannaas Yesus, ka hidhaansa qabu, Qayyaafaa qaallicha guddaatti erge. Ammallee adoo Simoon Phexros akkuma kaan olejee ibidda qanqaamachuu jiruu, warrii kaan, “Atilleen nama isaatiiyyuu?” jedhee isa gaafate. Innii ammoo mormatee, “Hiyyoo, anin nama isatiiniti” jedhe. Hojjataan qaallicha guddaa tokko, ka fiixaa nama Phexros gurra irraa kutee kaan, “Anin oobruu keessatti isa waliin si hinarginee?” jedhe. Phexros ammallee mormatee, yoma sun kormii lukkuu iyye. Jennaan ganama Yesus fulaa Qayyaafaatii fuudhanii, gara mana mootichaa warra Roomaa geessani. Warrii ufi mana olhinduunne, akka akkasiin aadaa ufii duraa yakkanii sagalee Dabarsaa hindhamne. Jennaan Philaaxos warratti gaba'ee, “Wantii isan namicha kana himattan maali?” jedhe. Isaan ammoo deebisanii, “Yo silaa namichii kunin nama hamaa hinta'in sitiin hindhumnu” jedhaniin. Philaaxos ammoo, “Isanumaan fuudhaa, akka aadaa teessaniitiin itti muraa” isaniin jedhe. Warrii Yihudii ammoo, “Akkii nama ijjeemnu nuu aadaaniti” jedhe. Tunin akka dubbiin Yesus ta innii waan du'a ufii hime guutamtu. Philaaxos ammallee mana mootichaa seenee Yesus yaamee, “Atin hayyuu Yihudiitii?” jedhee gaafate. Yesus deebisee, “Atin ufiin beetee jette moo nama dhiibiti waan kiyya sitti hime?” jedheen. Philaaxos deebisee, “Anin gosa Yihudiitii? Gosa teetii fi qaallolee gugurdootti si natiin dhufee, atin maan yakkitte?” jedhe. Yesus deebisee, “Hayyuumitii tiyya ta lafa tanaatiiniti; yo silaa hayyuumitii tiyya ta lafa tanaa taatee, hojjattootii tiyya naa kalchiti, akka anin harka Yihudii keessa hinseene. Ammoo hayyuumitii tiyya ta armatiiniti” jedhe. Philaxos isaan, “Tanaaf atin hayyuu ree?” jedhe. Yesus deebiseefii, “Atuu hayyuu la naan jette. Mar. roo waan kanaatiif dhaladhe, marroo waan kanaatiif lafaatti dhufe, akka waan kanaa dhugeessu. Namii dhugaa cuftii dubbii tiyya dhagaya” jedhe. Jennaan Philaxoon, “Dhugaan waan akkamitii kanaa?” jedhee gaafate. Akkas jedhee ammallee Yihudiitti gadba'ee, “Anin waan hamtuu tokkollee isa irratti hingare. Isan ammoo, akka anin nama hidhame tokko guyyaa Dabarsaa isanii hiiku aadaa qabdan. Tanaaf akka anin hayyuu Yihudii isanii hiiku feetuu?” jedhe gaafate. Warrii ammallee goohee, “Isaanitii Barabbaa nuu hiiki!” jedhe. (Barabbaaan sun saamtuu.) Jennaan philaaxos Yesus fuudhee, “Lichoon dhaanaa” jedhe. Warrii waraanaa qoraattii akka surree midhaassee, mataa isaatti maree; wayaa diimtuu itti uyyisee, itti dhi'aate, Itti deddeebi'aanii “Hayyuu Yihudii, lubbuun tantee ha dheerattuu!” jedhanii dhabanaasani. Philaaxos ammallee alaatti gadba'ee, “Laalaa! ani akka isan akka ani dabaa homaatuu isa irratti hinargine beetaniif, isa alaatti isanii baasuu jiraa” warraan jedhe. Jennaan Yesus, ka wayaa diimtuufi surree qoraattii qabu, alaatti gad ba'ee, Philaaxos, “Namichii kanaa laalaa!” warraan jedhe. Qaallolee gugurdoo fi warrii waraanaa isa arginaan, “Olfannisi! Olfannisi!” jedhee caare. Philaaxos ammoo, “Isanumaan fuudhaa, olfannisaa; anin waan hamtuu tokkolleen isa irratti hingaree” jedhe. Yihudiin deebichee, “Nu seera tokko qamna; seera keennaa sun gula innii, waan ilma Waaqaa ufiin jedheef du'uu malee” jette. Philaaxos dubbii sun dhageennaan haga qaraallee irra sodaate. Mana mootichaa deebi'ee Yesusiin, “Atin eessaa dhufte?” jedhe. Yesus ammoo dubbachuu dide. Jennaan Philaaxos isaan, “Na jalaa hindubbattuu? Atin akka anin jabeenna siin gadhiisuu fi ka siin fannisuullee qabu hinbeetuu?” jedhe. Yesus ammoo deebisee, “Yo Waaqii sii kenne malee silaa jabeenna wa na tolchituun hinqabdu. Tanaaf nama harka kankeetti na kenneetti irra cubbuu qaba” jedhe. Waan kanaaf Philaaxos isa gadhiisuu fedhee, Yihudiin ammoo, “Yo nama kana gadhiifte atin jaala Qeesaaritiiniti! Namii hayyuu ufi tolchu cuftii nyaapha Qeesaarii” jettee caarte. Philaaxos dubbii tana dhageennaan Yesus alaatti gadbaasee, fulaa cichaa dhakaa jedhan, ta afaan Ibraayisxiitiin, “Gabbataa” jedhan, barcumaa muraa irra taa'e. Guyyaan sun guyyaa waan Jila Dabarsaa kurfeessan, ammallee laftii guyyaa guddaa. Philaaxos Yihudiin, “Hayyuu keessan laalaa!” jedhe. Warrii caaree, “Armaa fuudhi! Armaa fuudhi! Olfannisi!” jennaan Philaaxos, “Hayyuu keessan olfannisaa?” jedhee warra gaafate. Qaalloleen gugurdoon, “Nu Qeesaar malee hayyuu dhibii hinqamnu!” jette. Jennaan Philaaxos akka olfannisan Yesus harka warraatti kenne. Jennaan warrii Yesus irraa fuudhe. Yesus fannoo ufii baatee, gara fulaa, “Buqqee Mat. aa” jedhanii, ta afaan Ibraayisxiitiin, “Golgootaa” jedhanii deeme. Achitti isa fannisan; isa waliin nama lama dhibii, mirgaa fi bitaa isaa ka innii jiddu jiru fannisani. Philaaxos waan tokko ka isaan beesisuu barreessee, fannoo isaa gararrootti maxxanse; barreessiilleen, “Yesus Naazireetii, hayyuu Yihudii” jette. Fulaan Yesus itti fannisan dhaattuu diraa waan taateef, beessisa kana Yihudii hedduutti dubbiise; ammallee afaan Ibraayisxiitiin, ka Roomaatii fi ka Griikiilleen la barreessani. Jennaan qaalloleen Yihudii gugurdoon philaaxosiin, “Hayyuu Yihudii jettee hinbarreessinii, namii kunin, ‘Anin hayyuu Yihuudii ufiin jedhe’ jedhii barreessi” jette. Philaaxos ammoo deebisee, “Waan barreesse yaayyuu barreesse” jedhe. Warrii waraanaa Yesus fannimnaan wayaa isaa fuudhee fulaa afuriitti tokko tokkoon gargarii qoodatee, ammallee hubaara isaallee ka olii haga gadii hodhaa hinqamne fudhate. Duuba warii, “Koottaa hintarsaamnuu, hixaa buufannee nama argatu laalaa!” waliin jedhe. Tunin akka barreessiin ta, “Wayaa tiyya gargarii qoodatanii, hubaara kiyyaallee hixaa buufatan” jettu guutamtuuf. Duuba warrii waraanaa waan kana tolche. Fannoo Yesus dhaattuu, haadha isaatii, areeraa isaatii, Maariyaam niitii Qilophaatii fi Maariyaam Maqdalaatti ejaajje. Yesus haadha ufiitii fi namicha innii jaalatu kaan ka bira ejaajjan argee haadha ufiitiin, “Aayyoo, ilma kankee laali!” jedhe. Jennaan innii namicha kaaniin, “Haadha tantee laali!” jedhe; yoosii jalqabee namii sun mana ufiiti isii galche. Eegii sunii Yesus akka wantii cuftii guutamte beennaan, akka wannii barreessan guutamtu, “Anin dheebuu qaba” jedhe. Fulaa sun qorii miyyuu daadhii dhangaggooftuu waynii qabdu tokkotti ejja; duuba waan akka bututtuu laaftuu tokko daadhii taan keessa kaa'anii, hookkotti fannisanii, afaan isaatti geessan. Yesus daadhii dhangaggooftuu sun afaaniin qamnaan, “La hobaate!” Jedhee mataan gajedhee, lubbuun keessaa baate. Yihudiin marroo guyyaan sun guyyaa kurfeessaa jedhaniif akka reeffii guyyaa Sambataa fannoo irratti hinhamne, Philaaxos kadhate, akka miila warraa cacabsanii reefa achii guuran, waan guyyaan Sambataa guyyaa jabaa taatef. Jennaan warrii waraanaa dhaqee, miila namicha qaraa kaaniifi ka namicha lammeessoo ka isa waliin fannisanillee cacabsee, ammoo fulaa Yesusii geennaan isa ciche arganii, miila isa hincabsine. Hata'uu malee warra waraanaa keessaa namii tokko waraanaan xiixaa waraane jennaan dhiigaafi bisaan baafatan. Namii waan kana arge la dhugeesse, wantii innii dhugeesseelleen dhugaa, akka isaniilleen dhugeeffattan dhugaa dubbatuullee innii inbeeka. Wantii kunin akka barreessiin ta, “Lafee isaa tokkollee hincabsan” jettu guutamtuuf taate. Ammallee barreessiin dhibiin, “Biyyitii namicha waraanaan daawwatti” jette. Waan kanaan duuba namichii Yoseef jedhan ka nama Armaatiyaa tokko, gara Philaaxos dhaqee reeffa Yesus kadhatee; Philaaxos “Ee'ee” jennaan innii dhaqee reeffa Yesus fuudhe. Yoseefiin sunin nama Yesusitii ammoo marroo Yihudii sodaateef ufi dhosse. Niqoodemos ka gaafa qaraa halkaaniin Yesusiitti dhufee qayya haga kiiloo yokaan xaasaa soddomaa, qumbii fi hargeessa walti naqee dhufeen. Warrii duuba Yesus fuudhee akka aadaa Yihudii ta yo nama awwaalanii, wayaa marduufaatiin mamaree qumbii fi qayya ittii naqe. Fulaa isa itti fannisan sun oobruuti jira; oobruu sun keessa awwaala haaraa takka nama itti hinawwaaliniitti jira. Mar. roo guyyaa Kurfeessaa Yihudiitiif, ammallee waan awwaalii sun dhi'oo jiruuf, achitti Yesus awwaalani. Guyyaa qaraa ka torbaan sunii, Maariyaam Magdaalaa, adoo laftii hinbariin, ganamaan gara awwaalaa dhaxee, dhakaa awwaala irraa gangalchan argite. Jennaan isiin utaaltee, gara Simoon Phexrosiifi gara namicha Yesus jaalate kaanii dhaxee, “Aabboo ya awwaala keessaa fuudhan, ammallee fulaa kaa'aniillee nu hinbeennu” jette. Jennaan Phexrosiifi namichii kaan gara awwaalaa dhaqan. Warrii lachuu waliin ori'ee, namichii kaan ammoo Phexros qolchee, duraatti awwaalaan ba'e. Gajedhee, keessa laalee, wayaa marduufaa ta lafa teettu arge, ammoo awwaala keessa hinseenne. Jennaan Simoon Phexros isa gula dhufee, awwaala keessa seenee, wayaa marduufaa ta achi teettu arge. Surree qara mataa Yesusiitti maraniillee ta wayaa marduufaa sun waliin hinjire ta ammoo walti dachaasanii kophaa kaa'an arge. Jennaan namichii kaalleen, ka duraatti awwaalaan ba'e, keessa seennee argee dhugeeffate. Warrii qara barreessii ta, “Yesus du'a keessaa ka'uu malee” jettu hinhubanne. Jennaan jarii Yesusii sun ka'ee mana ufiiti gale. Maariyaam ammoo alaan awwaala bira ejjitee boote. Duuba adoo bootuu, gajettee awwaala keessa millattee, ergamtoota Waaqaa lama ta wayaa adaadii uyyfattee, fulaa qara reeffii Yesus ciisu, tokko gama mataatiin, kaan ammoo gama miilaatiin teteettu garte. Warrii isiin, “Intala, maaf bootta?” jennaan Isiin, “Aabboo Yesus ya armaa fuudhan, fulaa isa kaa'aniillee anin hinbeeku” warraan jette. Akkana jechaa ufirra miciiramtee Yesusii olejju argite; ammoo akka innii Yesus hinhubanne. Yesus, “Intala, maaf bootta? Eennu barbaadda?” jedhee isii gaafate. Isiin nama oobruu eegu isa seetee, “Aabboo, atin yo isa armaa fuute, fulaa isa keette natti himi, anin dhaqeetti isa fuudhaa” jetteen. Yesus, “Maariyaam” jedheen. Isiin gara isaa micciiramtee, afaan Ibraayisxiitin, “Rabbuunii!” isaan jette. (Rabbuunii jechuun barsiisaa jechuu.) Yesus isiin, “Na hinqabatin! Anin qara gara Aabboo olhindeemne. Ammoo gara obbooleeyyaan tiyyaa dhaqii, ‘Anin gara Abbaa kiyyaatii fi gara Abbaa keessanii, gara Waaqaa kiyyaatii fi gara Waaqaa keessanii oldeema’ jedhii itti himi” jedhe. Maariyaam ta Magdaalaa gara jara isaa dhaxee, “Anin Aabboo yaayyuu arge” jettee, ammallee waan innii isiin jedhe warratti himte. Guyyuma sun galgala, guyyaa qaraa ka torbaan sunii, fulaa jarii ergamtootii Yesus jiru ka marroo sodaa Yihudiitiif balbaltii cufaansa qabdu Yesus dhufee, jiddu warraa keessa ejjee, “Nageeni isanii ha ta'uu” jedhe. Eegii akkasi jedhe, harkaa fi xiixaa ufii warra agarsiise. Jennaan jarii isaa Aabboo arginaan guddoo gammade. Jennaan Yesus ammallee, “Nageennii isaan badhaadhaa? Akkuma Aabboon na erge aniilleen isan erga” jedhe. Akkasi jedhee, hafuura warraa baafatee, “Hafuura qulqulloo argadhaa. Nama isanii cubbuu araaramtaniif cufaa inaraaramaniif; ka isan araaramuuf diddan cuftii araarama hinargatu” jedhe. Jara Yesus kudhanii lamaan keessaa, Toomaas ka, “Lakkuu” jedhan, gaafa Yesus dhufe warra waliin hinjiru. Duuba jarii kaan, “Nu Aabboo la arginne” jedhee itti hime; innii ammoo warraan, “Anin yo harka isaa keessa gadaanisa mismaraa argee, quba kiyya fulaa mismaraan waraanan keessa kaa'ee, harka kiyyaallee xiixaa isaa keessa kaa'e malee, diqqoo haganaallee hindhugeeffadhu” jedhe. Torbaan tokkoon eegee, ka ammallee jarii isaa mana keessa jiru, ka Toomasiilleen warra waliin jiru, adoo balbaltii cufaansa qabdu, Yesus dhufee, jidduu warraa keessa ejjee, “Galchuum isaan nagaa?” warran jedhe. Jennaan innii Toomasiin, “Quba kankee achasi gaqabadhuu, harka kiyya laali; ammallee harka kankee achasigad dheerefadhuu, xiixaa kiyya keessa kaa'i; hindhaareeffatiinii, dhugeeffadhuu” jedhe. Toomas, “Aabbaa kiyyaa fi Waaqaa kiyya!” jedhee deebiseef. Yesus ammoo, “Atin na arginaan dhugeeffattee? Warrii adoo hinargin dhugeeffatu ka badhaadhe” jedhe. Yesus akeeka dhibii hedduu ka kitaaba kana keessatti hinbarreessin jara ufii duraatti tolche. Haga kana ammoo la barreessan, akka isan akka Yesus Kiristoon ilma Waaqaa dhugeeffattanii, dhugeeffannaan akka maqaa isaatiin jireenna argattan. Waan kanaan eegee Yesus ammallee fulaa galaana, Xiberiyaas jedhaniitti jara ufiitti ufi mullise. Akkii innii ufi mullise akkana. Simoon Phexrosii, Toomas ka Lakkuu jedhanii, Naataanaa'el ka dira Qaanaa ka lafa Galiilaatii, ilmaan Zabdewosiitii fi jarii isaa lama dhibiin waliin jiran. Simoon Phexros, “Anin qurxummii guuruu dhaqa” warraan jedhe; warriilleen, “Nulleen sii gula yaanna” jedhaniin; duuba warrii ka'ee, hoboloo duude. Halkaan sun ammoo homa tokkollee hinarganne. Eegii boruun diimate, Yesusii mogaa galaanaa ejju argan, jarii isaa ammoo akka innii Yesus hinhubanne. Jennaan Yesus, “Isii ijoollee! Qurxummii wa'ii ufi biraa hinqabdanii?” warraan jedhe; warrii deebisee, “Hinqamnu” jedhe. Innii, “Xuruuraa hoboloo gama mirgaattiin buusaa, inargattani” warraan jedhe. Warriilleen xuruuraa buusee, marroo qurxummiin hedduu taateef olfuudhuu dadhaban. Duuba namichii Yesus jaalatu kaan Phexrosiin, “Namii sunin Aabboo!” jedhe. Simoon Phexros akka innii Aabboo dhageennaan, ka qara qullaa jiru wayaa ufii uyyifatee, galaanaatti gadutaale. Jarii kaan xuruuraa qurxummii miyyuu harkisaa, hoboloo taan keessa dhufe. Warrii qara herregaan ejjata dhibba tokkoo malee lafa irraa fagoo hinjiran. Lafa godduun baanaan ibiddaa cilee qabu, qurxummii ibiddaa irra kaa'anii fi qixxaallee argan. Yesus, “Qurxummii reefuu qabdan irraa koottaan!” jedhe. Duuba Simoon Phexros hoboloo seenee xuruuraa qurxummii gugurddoo dhibbaafi shantamii sadii qabu mogaatti harkise; adoo qurxummiin akkasi hedduu taateellee xuruuraan hincinne. Jennaan Yesus, “Koottaa buudhoo baafadhaa” warraan jedhe. Jara isaa keessa tokkolleen ka garaa jabaatee, “Atin eennu?” jedhee gaafate hinjiru. Wannii akkanaatiif warrii akka innii Aabboo la beeke. Yesus dhufee, qixaa fuudhee warratti kenne; qurxummiillee akkasuma kenne. Eegii du'a keessaa isa kaasan tunin amma marroo sadeessoo ka Yesus jara ufiitti mullate. Yesusii fi Phexros Buudhoo baafannaan, Yesus Phexrosiin, “Simoon ilma Yoh. aannisii! Warra kana irra na jaalattaa?” jedhee gaafate. Phexros, “Ee'ee Aabboo! Akka anin si jaaladhu atuu inbeetta” jedheen. Yesus deebisee, “Ilmoolee hooliyyee tiyyaa soori!” yokaan nyaachisi jedhe. Mar. roo lameessoo innii, “Simoon ilma Yoh. aannisii, na jaalattaa?” jennaan innii, “Ee'ee Aabboo, akka anin si Jaaladhu atuu inbeetta” jedhee deebiseef. Yesus, “Hooliyyee tiyya tissi!” jedheen. Ammallee marroo sadeessoo Yesus, “Simoon ilma Yoh. aannisii, atin na jaalattaa?” jedhe. Phexros waan Yesus marroo sadeessoo, “Atin na jaalattaa?” jedheeniif, garaa ufii keessatti laalefatee, ammoo deebisee, “Aabboo, atin waan cufaa inbeetta, akka anin si jaaladhu atuu inbeetta” jedheen. Yesus, “Hooliyyee tiyya nyaachisi! Anin dhuguma, dhugaatiin siin jedhaa, atin gaafa ka'imooma kankeettii marxifattee gara feetu deemte; gaafa jaartu ammoo harka kankee dheerefatteetti, namii dhibiin hidhaana sii hidhee gara atin hinfeene si geessa” jedheen. (Wantii innii dubbii tana jedheef, akka Phexros du'a duranaa du'uun Waaqaa ulfeessu himuuf.) Eegii akkasi jedhe, “Na gula koottii” jedheen. Phexros garagalee namicha Yesus jaalatu ka Yesus gula deemu arge. Namichii sun ka gaafa guyyaa eegee ka Yesus sagalee jara ergamtoota isaa waliin nyaate, bobaa Yesusiitti hirkatee “Aabboo, eennu ka si gurguru?” jedhe gaafate. Phexros isa arginaan Yesusiin, “Aabboo, yoos, namii kunin maan ta'a?” jedhe. Yesus deebisee, “Yo anin isa haga anin deebi'uutti na eegu fedhee, atin maan irraa qabda? hin yaaliinii anuma gula kootti” jedheen. Duuba oduun, “Namii kun hindu'u” jettu jara Yesusii cufaa geetti. Yesus ammoo “Innii hindu'u” hinjennee, “Yo anin akka innii haga anin dhufuutti na eegu fedhee atin maan irraa qabda?” jedhe. Kunin nama waan kana dhugeessu, ka waan kana cufaa barreessee, akka duubbiin isaa dhugaa nu inbeenna. Ammallee waan hedduu dhibiitti jira ka Yesus tolche. Yo silaa cufaa barreessan, mala kiyyaa, laftiilleen kitaaba hagasii cufaa dandeettee hinfuutu. Ee Tewofilos kitaaba qaraa keessatti anin waan Yesus haga hujii ufii itti keeyatee hojjatee fi waan innii, haga guyyaa gubbaatti oldeebi'eetii asi barsiise cufaa la sii barreesse. Adoo gubbaatti ol hindeebiin, innii jabeenna Hafuura Qulqullootiin jara qaraa foohate ergamtoota tolfateetti dhaame. Yesus eegii du'e akka akka jiru warra ufii garsiisu guyyaa afurtamaa marroo hedduu, akka namii dandaa'ee hindhaarefanne, ergamtoota ufiitti mullatee, warrii isa argee innii waan mootummaa Waaqaallee warraatti hime. Adoo warra waliin jiruu, innii seera ufii warraatti kennee, “Yerusaalem keessaa hinba'inaa, ammoo qarqaarsa Aabboon isanii kenne, ka anin qara isaniitti hime eeggadhaa! Yoh. aannis bisaaniin cuuphe, isan ammoo bultii diqqoo tokkoon duubaatti hafuura Qulqulloon cuuphamtan” jedhe. Ergamtootii walwaldeennaan, “Aabboo, atin ammaatana mootummaa lafa tanaa Israa'eliitti deebiftaa?” jettee Yesus gaafatte. Yesus ammoo deebisee warraan, “Guyyaa fi gannii Aabboon foohate harka isaa keessa jiraa, waan isan beekuu hinmaliin. Ammoo yo hafuurii qulqulloon isan irra bu'ee jabeenna argattan; Yerusaalem, Yihudaa, Samaariyaa keessaa fi haga muummee lafaallee cufa naa dhugeesitani” jedhe. Eegii innii dubbii tana dubbate, adoo warrii laaluu, innii gubbaatti oldeebi'ee, duumansii isaan duraa isa dhosse. Adoo warrii ammallee ila itti qabee karaa innii ba'e sun gubbaa taa'ee ollaaluu, jarii lamaan tokko, ka wayaa adaadii qabu, warra bira ejaajje. Jarii kaan, “Dhiiroo, warra Galiilaa, isan maaf ejaajjitanii Waaqaa keessa ol laaltani? Yesusiin kun, ka isan biraa gubbaattii oldeebi'e, akkanuma eegii tanaallee, akka isan isa gubbaa deemu gartani kana deebi'a” jedhe. Jennaan guyyaa sambataa tokko ergamtootii Gaara Ejersaa, ka dhaattuu dira Yerusaalem, biraa yaatee gara diraatti dachaate. Achiin baanaan, Phexrosii, Yaaqoobii, Yoh. aannisii, Indriiyaasii, Filiphosii, Toomaasii, Bartolomewosii, Maatewosii, Yaaqoobii, ilma Alfewos, Simoon Zelotee fi Yihudaan ilmii Yaaqoob dhaqanii mana qaraa keessa taa'ani ka olaanu kaaniitti dacha'an. Warrii kun cuftii nadheen waliin, Maariyaam haadha Yesusitii fi obboleeyyan isaallee waliin garaa tokkoon Waaqaa kadhate. Adoo haguu hinbulin, Phexros jidduu warra dhugeeffatee keessa ejjee (ka Warrii cuftii walti haga nama dhibba tokkoo fi diddamaa), “Oboleeyyaan tiyya, barreessiin tun ta hafuurii qulqulloon afaan Daawititiin waan Yihudaa ka warra Yesus qabe Yesustiin dhufee fage guutamuu malte. Wantii akkanaatiif Yihudaan qara namuma keenna ka nu hujiii takkaa waliin hojjanne. (Yudaan eegii horiii dabaan argate kaaniin oobruu bitate, mataan lafaatti jigee dha'ee, garaan tarsa'ee, marimaan cuftii keessaa bu'an. Namii Yerusaalem jiru cuftii waan kana dhagayee, afaan warraatiin oobruu sun maqaa ‘Akeldaamaa’ itti baase, akkasi jechuun ‘Oobruu dhiigaa’ jechuu.) Wantii akkanaatiif kitaaba Faaruu keessatti barreessiin, ‘Manii isaa ha ona ta'uu, namii tokkoolleen itti hingalin. Ammallee namii dhibiin ha hujii isaa ta bulichiisaa fudhatuu’ ” jedhan. Duuba Warrii nama lama maqaa dha'e; tokko Yoseef, ka Baarsaabaas yokaan Yosxos jedhan; ka lameessoo Maatiyaas. Jennaan Waaqaa kadhatanii, “Aabboo, atin garaa nama cufaa inbeetaa, atin nama foohatte, jara lamaan kana keessaa nu garsiisi! Akka innii hujii Yihudaan lakkisee fulaa isaa malte biraa deemee tana, keessa qooda argatee ergamaa ta'u” jedhe. Jennaan hixaa buusanii, hixaan Maatiyaas irra bu'ee, innii ergamtoota kudhanii tokkotti darame. Guyyaan phenxeeqostee (shantameessoo) geennaan, warrii dhugeeffate cuftii fulaa tokkootti walitti qabame. Tasa wantii akka bubbee bubbisaa tokko gubbaa gadbuutee mana warrii keessa tataa'uu kaan guutte. Wantii arraba ibidaa fakkaataa tokko warraatti mullattee warra cufa irra teette. Warrii cuftii hafuura Qulqulloon guutamee, akka Hafuurii warra dubbachise gula afaan dhibii dubbachuu jalqabe. Yerusaalem keessa warra Yihudii ka Waaqaa sodaatuutti, ka lafa cufaa dhufee jira. Qoonqoo tana dhageennaan biyyitii walti baatee, namii cuftii ergamtoota afaan warraa dubbattu dhagayee guddoo mame. Namii cuftii guddoo maadefatee, “Warrii dubbatu kun cuftii warra Galiilatiinii? Nu cuftii akkam warra kana ka afaan keenna ka nu itti dhalanne dubbatu dhageenna ree? Nu warra biyya phaartee, warra Meediyaa, warra Elaamii; ammallee ka lafa Mesophotaamiyaa, ka Yihudaa, ka Qaphadooqiyaa; warra phonxosii, ka Asiyaa, nu warra Friigiyaa, ka Phamfiliyaa, ka lafa Gibxii, ka lafa Liibiyaa ta Qareena dhi'aattuu. Nu namii garii warra Roomaati. Yihudii fi gosa dhibiillee ta aadaa Yihudiitti galte; ammallee nama lafa Qarxeesiif lafa Araabaatti; ammoo nuun cuftii warra hujii Waaqaa ta mamaa afaan keennaan dubbatu dhageenna!” jedhan. Warrii cuftii guddoo mame, midhaafachuu dadhabee, “Wantii kun maan?” jedhee wali gaafate. Namii garii ammoo, “Jarii kun faarsoo jajjabduu dhugee machaa'e” jedhee warra gooyyeesse. Ammoo Phexros jara kudhanii tokkoo kaan waliin ejjee qoonqoo olfudhatee gumiin41, “Warra Yihudaatii fi ka Yerusaalem keessa taa'u, dubbii tiyya hubadhaa caqasaa! Waan jarii kun machaa'e, hinse'inaa; wantii akkanaatiif ammitii saatii sadii ta diiramaati. Tunin ammoo waan raagii Yo'elii dubbate.” “Waaqii, ‘Guyyaa muummee anin akkana tolcha; anin hafuura kiyya nama cufa irra buusa; ilmaan teessan ta dhiiratii fi ta dubraalleen hinfaddi; ka'imii keessan daayya'aa arga, jaarrolleen teessaniilleen oobjuu oobjatti. Anin hojjattoota tiyya ta dhiiratii fi ta dubraallee hafuura kiyya irra buusa, duuba infagani. Anin waan mamaa Waaqaa gubbaatti garsiisee, lafa keessaalleetti akeeka garsiisee, Dhiigaa, ibidaa fi aara lafaatti buusa. Adoo guyyaan guddaan jabaan Aabboo hinga'in, aduun indukkanoofti, ji'iilleen akka dhiigaa diimate. Yoos namii maqaa Aabboo yaammatu cuftii inba'a’ ” jedhe. “Warra Israa'el dubbii tana dhagayaa! Yesus Naazireetii, nama Waaqii isanii foohate; akkuma isanuu beettanii, waan mamaa, hujii jabduu fi akeeka gosa gosaa Waaqii karaa isaatiin jidduu teessan keessatti tolche. Waaqii, fedhii fi beekkumsa ufii gula, akka Yesus harka keessaniitti kennan ya buufate; isan isa fanniftaniitti, harka nama dabaatiin ijeeftani. Waaqii ammoo du'a keessaa isa kaasee, waan dooti dandeettee isa hindabsanneefii, gaargala du'a keessaa isa baase. Wantii akkanaatiif Daawiti waan isaa dubbatee, ‘Anin Guyyaa cufa Aabboo fuula kiyya duraatti arga, innii akka anin hinchochoone harka kiyya ka mirgaa jira; tanaaf garaan kiyya maachee, arrabii kiyya guddoo gammadee, nafii kiyyaalleen abdiin taa'a. Wantii akkanaatiif atin fulaa warra du'eetti na hinlakiftu. Yokaan atin akka hojjataan kankee qulqulloon shamu ee'ee hinjettu. Atin karaa jireennaa ya na barsiifte; anin yo fulaa tantee jiru gammada qaba’ ” jedhe. “Obbooleeyyan tiyya, anin waan Daawiti jaarsa abaaboo keennaa qulqulleesee isaniitti himuu male. Innii ya du'e awwaalan, awwaalii isaa haga ardhaatuu arma fulaa teenna tana jira. Innii raaga, ammallee waan Waaqii isaatti kakate inbeeka; Waaqii akka sanyii isaa keessaa nama tokko akka isaa hayyuu tolchu isaatti kakate. Daawiti, duraattuu waan du'aa ka'iisa Kiristoo argee, ‘Fulaa warra du'eetti isa hinlakimne, nafii isaa hinshamne’ ” jedhee fage. Waaqii Yesus kana ya du'a keessaa kaasee, nu cuftii dhugaa waan kanaati. Isa ya harka mirgicha abbaa isaa Waaqaatti olfuudhani, innii Hafuura Qulqulloo isa irraa arigate, akkuma Abbaan kakatee, wantii isan amma argitanii dhageettan kunin qarqaarsa innii nuu kenne. “Daawiti ufii gara gubbaa hindhandhee, innii ammoo, ‘Aabboo Waaqii Abbaa kiyyaa Kiristoon, harka kiyya ka mirgaa taa'ii, “Haga anin nyaapha kankee barcumaa miila keetii tolchuutti” ’ ” jedhe. “Namii Israa'el cuftii, akka Waaqii Yesusii kana ka isan mukaatti fanniftan Aabboo fi Kiristoo tolchee ha hubatuutii!” jedhe. Biyyitii waan kana dhageennaan guddoo rifattee sodaattee, Phexrosii fi ergamtoota taaniin, “Obbooleeyyan nu maan taanna?” jette. Jennaan Phexros, “Cubbuu irraa deebi'aa, isaniin cuftii maqaa Yesus Kiristootiin cuuphamaa; akka cubbuu teessan isanii araaramanii; duuba Hafuura Qulqulloo argattan. Akka kakuu Waaqaa isanii fi ilmaan teessan, ammallee warra fagoo jiruu ka Aabboo Waaqii keenna ufiitti yaamu cufa kakatan” jedhee deebiseef. Phexros dubbii tanaa fi ta dhibiileen warra gorsee, “Gaargala dhaloota hamaa kanaatti dhufu duraa ufii baasaa!” jedhe. Namii hedduun dubbii isaa dhugeeffatee cuuphamee, guyyaa sun namii haga kuma sadii gumiitti idaame. Guyyaa cufaa ergamtoota irraa wa baratan, waldeennaa waliin tolfatan, qixxaa Waaqaa cabsan waliin nyaatan, Waaqaa waliin kadhatan. Ergamtootii waan mamaatii fi akeeka hedduu tolchitee, tanaaf namii cuftii sodaate. Warrii dhugeeffate cuftii waliin taa'ee, waan cufa waliin qoodate. Horiii fi waan qaban gurguranii namii cufaa akkuma feedhii isaa gula waan innii fedhe qoodaniif. Guyyaa cufa Mana Waaqaatti walwalda'aniitti, sagalee mana walii keessaatti nyaatanii, garaa gammadatii fi dhugaatiin waliin taa'ani. Waaqaa faarsanii, biyyitii cuftii warra jaalatte. Guyyaa cufa Aabboon nama baafamu gumiiitti dare. Gaafa tokkoo Phexrosii fi Yoh. aannis yo'ii kadhachaa geennaan qixxee saatii sagaliitti Mana Waaqaa waliin dhaxxe. Nama tokko ka haguma dhalatee miilii naafaatti jira. Guyyaa cufaa isa fuudhaniitti, fulaa balbala Mana Waaqaa ta midhaadduu jedhanii kaa'an, akka innii nama Mana Waaqaa seenu horii kadhatu. Innii phexrosii fi Yoh. aannisii Mana Waaqaa duuduuf dhufan arginaan wa kadhate. Phexrosii fi Yoh. aannis ila itti qabanii laalanii jennaan Phexroos, “Nu laal!” jedheen. Innii waan wa warra irraa argatu se'ee ila keessa laale. Jennaan Phexros, “Birrii fi warqii sii kennu hinqabuu, ammoo waan qabu sii kennaa, maqaa Yesus Kiristoo Naazireetitiin ka'ii deem!” jedheen. Jennaan Phexros harka mirgicha isaa qabee ol kaase. Yoma sun faanaa fi koomettuun isaa jajjabaatte. Innii olce'ee lafaatti ejjatee deemee jennaan, warra waliin Mana Waaqaa seenee, olcece'aa Waaqaa faarse. Namii cuftii isaa asii achii deemee Waaqaa faarsu arginaan, akka innii nama balbala Mana Waaqaa ta Midhaadduu jedhanii dura taa'ee wa kadhatuu kaanii beennaan, waan innii ta'e kana guddoo mamee maadeeffate. Adoo namichii kaan phexrosii fi Yoh. aannis qabatee olcecee'uu, namii cuftii mamee gara warraa ori'ee, balbala jalaan seenan ta Solomoon jedhaniitti walwalda'e. Phexros waan kana arginaan biyyaan, “Warra Israa'el, maaf waan kana mamtanii ila nutti qabdan akka waan nu jabeenna keennaan yokaan qulqullooma keennaan nama kana fayyimnee deemsinyee, nu laaltan? Waaqaa Abrahaam, ka Yisihaq, ka Yaaqoobiitii fi Waaqaa abbootii teennaatti hojjataa isaa Yesusii ulfinna kenne. Isan harka jara gugurdaatti isa kennitanii eegii philaaxoos isa lakkisuu fedheellee fuula Philaaxoos duraatti isa mormattan. Innii nama qulqulloo; ammallee qajeelaa, isan ammoo isa dhiichaniitti akka nama harka dhiigaa tokko isanii hiikan Philaaxoos kadhattan. Isan abbaa Jireennaa ijjeeftan; Waaqii ammoo du'a keessaa isa kaase; nu dhugaa waan kanaati. Jabeenna maqaa isaatti namicha naafa kana fayyise. Waan isan argitanii dhageettan kana jabeenna maqaa isaatiin tolchani. Dhugeeffacha innii Yesusiitti dhugeeffateetti namicha kana isan duraatti guurii tarii dhowwee fayyise. Duuba, obboleeyyan tiyya, anin akka isanii fi jaarroleen teessan adoo hinbeekiin waan kana Yesus tolchitan inbeeka. Waaqii ammoo waan durii afaan raagoota cufaatiin hime, ta akka Kiristoon gaargaluu malee, akkanaan guute. Tanaaf cubbuu irraa deebi'aa, Waaqaatti dheedhaa, akka innii cubbuu isan iraa dhiqu. Jabeennii Hafuura Qulqulloo Aabboo irraa dhufa; inniilleen Yesus Kiristoo ka qaraa isanii foohate erga. Akkuma Waaqii duruu afaan raagoota isaa qulqullootiin dubbatee, haga waan cufa haaromsaniitti, Innii gubbaa taa'uu malee. Wantii akkanaatiif Muuseenuu, ‘Aabboo Waaqii keessan akkuma na erge, gosa teessan keessaa raaga isanii erga; waan innii isaniin jedhu cufaa caqasuu maltani. Nama waan raagii sun jedhu hincaqamne gumii Waaqaa keessaa baasanii balleessani’ la jedhe. Raagootii cuftii, Saamu'eelii fi Warrii eegii isaa dhufeelleen, waan Guyyaa kanaa la dubbate. Kakuun Waaqii afaan raagootaatiin kakate teessan; isaniilleen waldhaqiisa Waaqii abbootii teessan waliin tolche qoodattani. Akkuma Waaqii Abrahaamiin, ‘Dhaloota keetiin nama lafaa cufaa eebbisa’ jedhe. Tanaaf Waaqii isa foohatee, hojjataa ufii qaraa isaniitti erge; akka isan eebbisee karaa keessan hamaa irraa isan gorsu” jedhe. Adoo phextrosii fi Yoh. aannis taanii gumiin haasa'anuu, qaallolee, namicha guddaa Mana Waaqaatii fi Saduqaawwan warraatti dhuftee, waan phexrosii fi Yoh. aannis marroo ka'iisa Yesusitiif namii du'e inka'a jedhanii barsiisaniif, warrii itti aaree Phexrosii fi Yoh. aannis qaqabanii mana hidhaatti naqanii, waan laftii galgaloofteef haga boriyyaa achuma keessatti lakkisani. Namii dubbii sun dhaga'e hedduun ammoo indhugeeffate; namii dhiira ka dhugeeffate haga kuma shaniiti. Boriyyaa jara gugurdaa Yihudiitii fi jaarroleen, ammallee jarii seera beeku Yerusaalem keessatti, Haannaa Qaallicha Guddaa, Qayyaafaa, Yoh. aannis, Iskindrosii fi warra dhibii ka fiixaa Qaallicha Guddatiin walitti dhufan. Duuba Phexrosii fi Yoh. aannis fuula warraa duraatti yaasanii, “Humna tamiin yokaan maqaa eenuutiin waan kana tolchitani?” jedhanii gaafatan. Jennaan Phexros Hafuura Qulqulloon guutamnaan warraan, “Shuumootaa fi jaarrolee biyyaa, isan yo guyyaa kana waan hujii dansaa ta nu tolchinnee, namicha naafa kana fayyimne nu qortanii, akka namichii amma fayyee isan dura ejju kunin jabeenna maqaa Yesus kiristoo nama Naazireetii, kan isan ijeechanii Waaqii du'a keessaa kaaseen fayyee, isaniin warrii Israa'eliilleen cutii beekaa. Yesusiin kun sunuma; ka barreessiin waan isaa dubbattee, ‘Dhakaan isaniin ijartuu tuffattan ya dhakaa jabaa takka hinargin ta'e’ jette. Ba'iisii karaa isaa callaan jira, namii dhibiin ka Waaqii namaa kenne ka nu dandeenne baanuun lafa gubbaa hinjiru” jedhe. Jaarroleen koraa jannooma phexrosiitii fi Yoh. aannisii arginaan, akka warrii homaa hinbaratin ammallee akka warrii hinbeekamne hubannaan, mamanii, akka warrii Yesus waliin taa'e beekan. Ammoo waan namicha fayyisan kaan, ka Phexrosii fi Yoh. aannis bira ejju, arganiif waan dubbatan dhaban. Tanaaf warraan “kora keessaa yaa'aa” jedhanii ufii wali mari'atan. “Warra kana maan tolchinna? Namii Yerusaalem keessa jiru cuftii akka warrii kun waan mamaa kana tolche quba qabaa, nu dandeennee hinmorminnuu. Ammoo akka wannii kun biyya keessa hinbaballannee, koottaa, akka deebi'anii maqaa kanaan nama tokkoollee hinbarsiimne jabeessinee warraatti seerraa” jedhanii walii galan. Jennaan Phexrosii fi Yoh. aannis yaamanii, akka maqaa Yesusiitiin yo dhibii hindubbanee fi nama hinbarsiimne itti seeraan. Warrii ammoo deebiseefii, “Dubbii teessan moo ta Waaqaa caqamna? Isanuu laallaa fuula Waaqaa durratti tamti irra qajeela! Wantii akkanaatiif nu waan arginnee dhageenne kana dhossuu hindandeennu” jedhan. Duuba korii kaan marroo namii cuftii, waan argeef Waaqaa faarseef, waan warra tolchu dhabee itti seeree galakkise. Namicha akka mamaatiin fayyisan kaan gannii isaa afurtama irra jira. Phexrosii fi Yoh. aannis akkuma gadhiisaniin, gara gumiii isaanii dachaa; anii waan qaallolee gugurdoo fi jaarroleen jetteen cufaa gumiitti haasa'ani. Duuba warrii waan kana dhageennaan, qoonqoo olfudhatee waliin Waaqaa kadhatee, “Aabboo guddaa, atin Waaqaa lafaa fi gubbaa, galaanaa fi waan warra keessa jiraallee cufaa uumte. Atin Hafuura Qulqulloon afaan hojjataa kankee, abbaa keenna Daawititiin, dubbattee, ‘Gochitii dhibiin maaf dallante, yokaan biyyitii maaf ufumaa wa herreddi? Hayyootii lafa cufaa kurfeeffattee, jarii lafa fidu, akka Waaqaa fi Kiristoo isaa hadhuu waldhaqe.’ ” “Dhugumaa diruma kana keessaattuu Herodis, Phonxos philaaxos, gosa warra Waaqaa hinta'inii fi gosa Isra'elii waliin akka hojjataa kankee qulqulloo Yesus, ka atin muudde hadhan la walii galan. Warrii akka waan cufaa ka atin qaraa irree teetii fi fedhii teetiin buufatte tolchuuf walitti qabame. Aabboo, ammatana dubbii warrii nuun sodaachisu tana laalii, akka hojjatootii tantee jabaattee sodaa malee dubbii tantee dubbattu tolchi. Harka kankee dheerefadhuu, nama fayyisi, akka akeeka fi waan mamaa maqaa hojjataa kankee qulqulloo Yesustiin tolchani!” jedhan. Eegii Waaqaa kadhatani, fulaan warrii itti walitti qabamee chochootee, warrii cuftii Hafuura Qulqulloon guutamee, adoo hinsodaatin dubbii Waaqaa dubbate. Gumii dhugeeffatte sun cuftii nama garaa tokkotii fi qalbii tokkoti. Namii tokkoolleen waan qabuun kiyya hinjennee, ammoo waan qaban cufaa gargarii qoodatan. Ergamtootii jabeenna guddaan waan ka'iisa Aabboo Yesus dubbatee, Waaqiilleen warra cufa guddisee eebbise. Namii tokkoolleen ka gaargala qabu warra keessa hinjiru. Namii oobruu yokaan mana qabu cufa gurgureetti, horii sun cufaa fidee, harka ergamtootaa kenna; horii kaan duuba nama cufaa akkuma innii fedhuu gula gargarii qoodan. Namicha gosa Lawwii ka lafa Qophrosiitti dhalate, ka Yoseef jedhan tokkotti, ka ergamtootii “Baarnaabas” jettuun, jira; akkasi jechuun “Ilma nama jajabeessu” jechuu. Namichii sun duuba oobruu ufii gurguree, horii sun dhufeenii harka ergamtootaa kenne. Ammoo namicha Anaaniyas jedhan tokkotti, jira; innii niitii isaa Safiiraan walii galee oobruu ufii gurguratee, horii haga garii, ka niitiin isaa beettu, irraa hambifatee, ka hafe kaan ergamtootaatti kenne. Jennaan Phexros, “Anaaniyas, Sheexanii maaf garaa kankee keessa seenee, atin horii oobruu tantee itti gurgurte gama tokko hambifatte Hafuura Qulqullootti kiyibde? Oobruun sun gaafa hingurguriniillee teeti, ammalee gurgurraaniillee horiin keetti. Atin maaf akka waan kana tolchittu garaa kankee keessatti herredde? Atin nama hinsobnee ammoo Waaqaa sobde!” jedheen. Anaaniyas akkuma waan kana dhagayeen, jigee du'e; namii waan kana dhaga'eelleen cuftii sodaate. Jarii ka'iimaa tokko dhufee, reeffa isaa wayaan mamaree dhaqee awwaale. Eegii innii du'e gara saatii sadii kanaatti niitiin isaa, ta waan kana tokkoollee quba hinqamne, mana olseente. Jennaan Phexros, “Mee natti himii, oobruu sun homa kanaatti gurgurtanii?” Jennaan Isiin, “Ee'ee homa suniitti, gurgurre” jette. Phexros ammoo, “Isan akkam akka Hafuura Aabboo sobdan walii galattan? Mee laalii, miilii jara dhiirsa kankee awwaalee ammallee fuluma balbalaa jiraa, sillee hinfuudhanii” jedheen. Isiin yoma sun miila isaa duraatti jiddee doote. Jarii ka'imaa kaan olduudee akka isiin doote argannaan baatee dhaqee dhaattuu dhiirsa isitti awwaale. Gumiii mana Waaqaatii fi namii waan kana dhaga'e cuftii guddoo sodaate. Akeekaa fi wantii mamaa hedduun gumii keessatti harka ergamtootaatiin hojjatameettee, warrii dhugeeffate cuftii balbala Solomoon ta jalaan seenan irratti walga'e. Biyyitii cuftii waan dansuma warraa dubbatee, ammoo marroo sodaatiif namii tokkoolleen warraatti daraamuu dadhabe. Ammoo namii hedduun, dhiiraa fi nadheeniilleen, dhugeeffannaan gumii Aabbootti darame. Mar. roo tanaaf akka yo Phexros achiin dabru gandiduun isaa nama garii irra baatu, nama fayya dhabe siree fi itillee irra ciifsisanii karaatti geessani. Namii hedduun Yerusaalemii fi dira dhaattuu Yerusaalemiitti yaa'ee, nama fayya dhabee fi ka jinnii hamtuu qabu warratiin dhufee, nama cufaa fayyisani. Jennaan Qaallicha Guddaa fi namii isa waliin jiru ka goli Saduqootaa cuftii, guddoo ergamtoota inaafee, ergamtoota guuranii, mana hidhaatti naqani. Ammoo ergmaan Aabboo tokko halkaan dhufee, balbaloota mana hidhaa babanee, warra hidhaansa keessaa yaasee, “Beenaa, Mana Waaqaa dhaqaa, dubbii jireennaa haareettii tana cufaa gumiiitti haasa'aa!” isaaniin jedhe. Warrii dubbii tana dhageennaan Mana Waaqaa ganamaan duudee nama barsiise. Jennaan Qaallicha guddaan warra waahela isaa waliin dhufee, jaarrolee israa'eeli cufaa koraa walitti yaamee; duuba nama mana hidhaansaatti erganii, ergamtoota yaaman. Ammoo shuumootii dhuftee mana hidhaa keessaa warra dhabdee, gara jaarrolee koraa dachaatee, “Nu mana hidhaansatiin baannee, balbala hidhaansa qabduufi, warra warra eeguullee ka balabal cufa irra ejaajju garree, ammoo balbala banannaan nama tokkoollee keessaa dhamne” jettee warraatti himte. Guddaa Mana Waaqaatii fi qaalloleen gugurdoon waan kana dhageennaan waan ergatootii taate guddoo mamte. Jennaan namichii tokko dhufee warraan, “Ilaala, jarii isan mana hidhaansaa keessaa naxan, Mana Waaqaa keessa ejaajjee biyya barsiisuu jiraa” jedhe. Jennaan namichii guddaa Mana Waaqaa warra waraanaa waliin ergamtoota fuudhu dhaqee, ammoo irreen hinfuune laanuma fuudhan; wantii akkanaatiif warrii waan biyyitii dhakaan dhaantu sehee sodaate. Ergamtootaa taan dhufaniin jaarrolee koraa dura dhadhaabanii, Qaallichii Guddaan warra qoree, “Nu ya akka isan maqaa kanaan hinbarsiimne isaniitti seeree, isan ammoo Yerusaalem ya dubbii tanaan guuttani, ammallee dhiiga nama kanaa mataa keenna irra kaa'uu feetan!” jedheen. Phexrosii fi ergamtootii dhibiin deebicheefii, “Nu nama irra Waaqaa caqasuu malle. Waaqii ababoota teenna, Yesus ka isan ijeeftanii muka irratti fanniftan kaase. Waaqii la gara harka mirgicha ufiitti isa fuudhe, akka innii Guddaa keennaa fi fayyisaa keenna ta'ee, gosa Israa'elii cubbuu irraa deebisee araarama warraa kennu. Waan kana nulleen isaa dhugaa, nuu fi Hafuurii Qulqulloleen, ka Waaqii warra isa caqasu kennu” jedheen. Warrii waan kana dhageennaan garaani isaan guddoo gubatee, ergamtoota fixuu fedhe. Ammoo namichii Fariisotaa ka Gamali'eli jedhan, ka Seera beeku, ka ammalee namii cuftii guddoo ulfeessu tokko, kora jaarrolee keessatti olka'ee, akka ergmtoota haga diqaa tokkoof alaatti baasaan ajaaje. Jennaan jaarroleen, isan warra Israa'eli, waan jara kana tolchitan eegadhaa! Armaan duraatti namichii tokko ka Toyidaas jedhan, dhufee anin nama jabbaa ufiin jedhee, namii haga dhibba afurii isaatti maxaqe. Ammoo isa ijjeessanii, jennaan namii isa gula yaa'e cuftii gargarii firfirfame. Eegii nama sunii, bara maqaa nama barreessan kaan namichii Galiilaa tokko ka Yihudaa jedhan, nama hedduu ufi gula yaamee, ammoo isaalee ijjeessanii, ammallee namii isa gula yaa'e cuftii gargarii bittinaa'e. Tanaaf anin amma isaniitti himaa; jara kana hanqadhaa, lakkisa! Dubbii tanaa fi hujiin tun yo ta namaa taate inuma baddi; ammoo yo ta Waaqaa taatee balleessu hindandeettan. Hegerii isan ufiifuu Waaqaan loltanii. Warrii dubbii isaa fudhatee, ergamtoota yaamanii dhaanani, akka Warrii deebi'ee maqaa Yesus Kiristotiin nama hinbarsiimne seeraanii gallakkisani. Jennaan ergamtootii waan Waaqii marroo maqaa Yesusiitiif gaargalaa fi ceera warraatiin dhufeef, ta gammada qabdu kaatee jaarrolee koraa biraa yaate. Guyyaa cufaa Mana Waaqatii fi mana biyyaa keessalleetti, adoo gargaarii hinkutinuu akka Yesus Kiristoo ta'ee oduu dansaa himanii nama barsiisan. Eegii sun jarii Yesus heddannaan warra afaan Griikii dubbatuu fi ka afaan Hibruu dubbatu waldhabe. Jarii afaan Griikii dubbatu nadheen teenna ta dhiirsowwan irraa raawwatte, qooda sagalee ka guyyaa cufaa keessatti akka dansaa hinqorqoratan jedhee himate. Tanaaf jarii kudhanii lamaan kaan gumiii dhugeeffatte cufaa walti yaamee, “Akkii nu dubbii Waaqaa lakkimnee nama gololchinu fuulaaniti. Tanaaf obbooleeyyan, jidduu teessan keessaa nama torba ka dhugaa, ka Hafuura Qulqulloon guutamee fi ka qalbii qabu, ka nu hujii bulchiisaa tana itti kenninuu foohadhaa! Nu ammoo guyyaa cufa Waaqaa kadhannee dubbii isaa haasoomnaa” jedhe. Dubbiin tun gumii cufa gammachiiftee, Isxifaanos ka dhugeeffachaa fi Hafuura Qulqulloon guutame foohatan, ammallee Filiphos, Phrokoros, Niqaanoor, Ximoonaa, Pharmenaa fi Niqolaawos nama biyya Anxokiyaa, ka aadaa Yihudiitti gale foohatani. Jara kana ergamtoota duraan dhufanii, ergamtootii harka irra keettee Waaqaa kadhatteef. Dubbiin Waaqaa baballaattee, ammallee hennii jara Yesus ka Yerusaalem keessaa guddatee, qaalloleen hedduulleen dhugeeffattee gula yaate. Isxifaanos nama eebaa fi jabeennaan guutame, jidduu biyyaa keessatti waan mamaatii fi akeeka hedduu tolche. Jennaan jarii mana waldeennaa ka balchaa jedhan tokkoo, Yihudii lafa Qareeneetii dhuftee fi ta Iskindriyaa dhufte, ammallee Yihudiin Qiliiqiyaa fi Asiyaa dhufte Isxifaanoosiin morkite. Ammoo Hafuurii Waaqaa qalibii isaa kennee, Isxifaanosiin morkuu dadhaban. Jennaan jara tokko, akka warrii “Nu namicha kana ka Muusee fi Waaqaa arrabsu, dhageenne” jedhee namaatti odeessuu dhossaan gumbeessan. Warrii gumii, jaarrolee fi jara seera beeku itti kaasee, dhufanii Isxifaanos qabanii, gara jaarrolee koraa geessan. Nama dharaan naqaashii itti ta'u barbaadanii, namii dharaa kaan ammoo “Namichii kunin dubbii hamtuu Mana Waaqaa qulqulloo kanaatii fi waan seera Muuseellee dubbachuu hinlakimne. Nu akka innii, Yesus Naazireet kun mana qulqulloo kana balleessee aadaa Muuseen nuu kenne tana garagalcha jedhu ya dhageenne!” jedhe. Namii kora keessa jiru cuftii ila Isxifaanosiitti qabee, fuula isaa ka akka fuula ergamaa Waaqaa fakkaatu arge. Jennaan Qaallichii guddaan, dubbiin tunin dhugaa? jedhee Isxifaanos gaafate. Isxifaanos deebisee, “Obbooleeyyaanii fi abbootii tiyya, mee na caqasaa! Waaqii guddaan, gaafa innii Mesophotamiyaa keessa taa'uu, adoo innii lafa Kaaraaniitti hingodaaniin abbaa keenna Abrahaamitti mullatee, ‘Lafa tanteetii fi warra kankeellee keessaa godaanii, lafa anin si agarsiisuutti qubadhu!’ jedheen. Jennaan innii lafa Kaldootaa keessaa ba'ee lafa Kaaraan qubate. Eegii abbaan isaa du'ee, Waaqii achii baasee innii lafa amma isan keessa teettani tana qubate. Waaqii lafa sun gaafasi ejjata tokkoollee Abrahaamii hinkennine, ammoo adoo Abrahaamii gaafasi ijoollee qabachuu baateellee, Waaqii ‘Anin lafa tana sii fi dhaloota kankee ka hegerii dhufuullee inkenna’ jedheetti kakateef. Waaqii karaa kanaan Abrahaamiitti dubbatee, ‘Dhalootii kankee lafa nyaaphaa keessa taa' a achiitti warra garboonfatanii haga ganna dhibba afurii warra gaargalchani. Anin ammoo gosa sun ta warra gaargalchitu wallaala itti mureetti balleessa; duuba eegii sunii lafa sun keessaa ba'anii lafa tana keessatti na guddissani’ jedhe. Jennaan Waaqii aadaa waldhaqisaa ta qabaanqabaa Abrahaamitti kenne. Tanaaf Abrahaam ilma isaa Yisihaqii, haga dhalaatee torba bulee qabaanqabaa qabe; Yisihaq Yaaqobii qabaanqabaa qabe, Yaaqoobiilleen ilmaan isaa kudhanii lamaan, ta gochitii teenna irraa hortee qabaanqabaa qabe.” “Ilmaan Yaaqoob sun obboleessa isaanii Yoseef inaaftee, akka innii garbichaa ta'u lafa Gibxiitti gurgurte. Waaqii ammoo isa waliin taa'ee, gaargala isaa cufa nagaan keesaa baase. Yoseef hayyuu Gibxiii Fara'oon dura dhumnaan, Waaqii adaba dansaa fi qalbii kenneef. Fara'oon Yoseef lafa Gibxiitii fi warra ufiilleetti bulchaa tolche. Jennaan bara sun beelaa fi gaargalii guddaan lafa Gibxiiitii fi ta Kanayaan dhufe abaabootii teennaalleen sagalee dhabde. Ammoo Yaaqoob akka midhaan lafa Gibxii keessa jiran dhageennaan ijoollee isaa, abaaboota teenna, lafa suniitti erge, tun himaltuu warraa ta qaraati. Himaltuu lameessoo keessa, Yoseef obboleeyyan ufii ufi beesise, Fara'ooniilleen warra Yoseef fuula barate. Jennaan Yoseef nama ergee, abbaa isaa Yaaqobii fi fiixaa ufii cufa, nama haga torbaatamii shanii yaame. Jennaan Yaaqobii lafa Gibxii dhaqee isaa fi abbaabootii teennaalleen achiitti dhumani. Lafeelee warraa lafa Shekemiitti geessanii, achiitti fulaa Abrahaam jaarrolee gosa Hamorii ta Shekem irraa bitatte keessatti awwaalan.” “Ammoo Guyyaan Waaqii Abrahaamiitti kakate dhi'aannaan, namii keenna lafa Gibxii keessatti heddate. Jennaan eegii sunii hayyuun dhibiin ka Yoseef hinbeenne lafa Gibxii fide. Innii gosa teenna sobee, ijoollee didiqqoo akka hobaatu alaatti gataa jedhee ababoota teenna gaargalche. Bara sun Museen dhalate; innii guddoo midhaagaa, haga ji'a sadii mana abbaa isaa keessatti dhossaanii eegan. Alaatti isa gannaan, intaltii Fara'oon fudhattee akka ilmee ufii isa guddifte. Museen barsiisa gosa Gibxiii cufaa barate, dubbii fi hujiilleen nama guddaa ta'e.” “Gannii isaa afurtama geennaan, innii obboleeyyan isaa, ta gosa Israa'eli, guddoo argu fedhe. Obbooleessa gosa isaa tokko ka namii Gibxii tokko dhaanuu jiru arginaan, isaa golee, nama Gibxiii kaan dha'ee ijjeese haaloo baaseef. Wantii akkanaatiif innii waan gochitii isaa akka Waaqii harka isatiin nyaapha isaanii duraa baasu beettu sehe; Warrii ammoo hinbeenne. Boriyyaallee adoo warrii Israa'eli lamaan tokko waldiduu, Museen itti dhufee araarsuu fedhee, ‘Dhiiro, isan obbooleeyyanii, maaf waldiddani?’ jedheen. Namichii fulaa hinjirre kaan ammoo Musee ufi irraa darbee, ‘Eenutti bulchaa fi jaallaba keenna si tolche? Akka kalee nama Gibxiii kaan ijeefte nallee ijjeessu feetaa?’ jedheen. Dubbii tana dhageennaan Museen baqatee, lafa Miidyaan jedhan keessa taa'ee, achiitti ilmaan lama dhale.” “Ganna afurtamaan, duuba diida gaara Siinaatti, gurbii akka ibiddaa bobeettu tokko keessatti ergamaan Aabboo Museetti mullate. Museen arginaan guddoo mamee, innii laaluuf itti dhi'aannaan, ammoo qoonqoon Aabboo isaatti dhuftee isaan, ‘Anin Waaqaa ababoota teetitii, Waaqaa Abrahaam, ka Yisihaqiitii fi ka Yaaqobiiti’ jette. Jennaan Museen laaluu sodaatee hollate. Jennaan Aabboon isaan, ‘Waan fulaan atin ejjitu tunin qulqulloo taateef kopheelee miilaa yaafadhu! Anin gaargala warra kiyya, ka lafa Gibxii keessa jiruu, yaayyuu argee, akka warrii natti waaku dhaga'ee baasuuf dhufee, amma koottii, anin lafa Gibxiitti si ergaa’ jedheen.” “Museen kun kama gumii Israa'eli, ‘Eenuutti guddaa keennaa fi jaallaba keenna si tolche?’ jettee didde kaan; Namii Waaqii akka innii guddaa gumii sunii ta'ee, qarqaarsa ergamaa gurbii akka ibiddaa bobeettu keessaa isaatti mullateen warraa baase. Innii waan mamaatii fi akeeka lafa Gibxii keessatti, fulaa galaana Ertiraattii fi ammallee ganna afurtamaa lafa gamoojjii keessaalleetti tolchee, akkasiin warra baase. Muusuma kana, ka gumiii Israa'elitin, ‘Waaqii isanuma keessa raaga akka kiyyaa isanii erga’ jedhe. Innii sunuma ka gaafa gumiin Israa'el lafa aloo keessatti walitti qabamte, ergamaa Waaqaa ka gaara Siinaa irratti isaan dubbatee fi abbaaboota teennaallee waliin achi jiru; ammallee isumaatti dubbii Waaqaa ta jireenna nu barsiisuuf fudhate.” “Ababootii teenna ammoo dubbii isaa caqasuu diddeetti, isa lakkiftee lafa Gibxiitii dharraatee itti dacha'uu feete. Tanaaf warrii Aroniin, ‘Ka'ii waaqoota nu dura yaatu nuu midhaasi! Namicha Musee jedhan ka lafa Gibxii keessaa nuun dhufe kaan waan innii ta'e hinbeennuu’ jedhe. Duuba artumaatti warrii waan akka yabbii midhaasee, sooriyoo baaseefii waan harkii warraa midhaase sunii jila tolche. Duuba Waaqii warra yaalaa ba'ee, akka Warrii urjii gubbaa kadhatu itti lakkise; akkuma kitaaba raagoota keessatti barreessanii, ‘Gosa Israa'elii, isan ganna afurtamaa lafa gammooojjii keessatti sooriyoo naa hinqalle. Waaroo waaqaa “Molok” jedhaniitii fi, ammallee fakkeenna urjii waaqaa keessanii ka “Reefaan” jedhan; baatan; wantii isan kadhattan sun waan harkaan bocani. Tanaaf anin lafa Baabilon irra fagaattuutti isan dabarsa.’ ” “Abaabootii teenna gaafa lafa gammoojjii keessa jirtu, Waaroo Waaqii keessa jiru ta akka Waaqii Muuseetti himee agarsiisee gula midhaasan qabdi. Abaabootii teenna warrii eegii sunii dhalate, waaroo sun fudhaattee Iyaasuu waliin lafa gosa Waaqii warrii duraa gussee baassee fudhatte. Waaroon sun haga bara Daawitiillee achi jirti. Daawit Waaqaa duraatti eebba argatee, ammallee akka mana Waaqaa Yaaqobiittii jaaru Waaqaa kadhate. Namii Waaqaa mana jaare ammoo Solomoon.” “Taatuullee Waaqii guddaan mana harkaan midhaasan keessa hintaa'u. Akkuma raagii jedhuu, ‘Aabboon, Gubbaan Waaqaa barcumaa kiyya, laftii fulaa anin miila kiyya irra dhaabadhu. Isan mana akkam naa jaartani ree? Yokaan fulaan anin boqadhu tam? Harka kiyyaatti waan kana cufa midhaaseenitii?’ jedha.” “Isan guddoo mataa jabaattan, garaan keessan hindhugeeffatu! Gurri keessan dubbii Waaqaa hindhaga'u! Akkuma abaabootti teessan tolchite isaniilleen tolchitaanii, yo cufaa Hafuura Qulqulloo diddani. Raagii ababootii teessan hingaargalchiin tokkoolleen injiraa? Ammallee warrii raagota Waaqaa, ta dhufiisa nama qulqulloo himuu dhufte, ijjeessee. Isaniilleen ammaatana isa gurgurtanii ijeeftan. Isan seera Waaqii ergamtoota ufitiin isanii erge argattan, ammoo guutuu diddani!” jedhe. Waan kana dhageennaan, garaan warraa gubatee isaatti ciniinnatani. Isxifaanos ammoo Hafuura Qulqulloon guutamnaan, adoo ila irraa hinbuqqifatin Waaqaa keessa olilaalee, guddinna Waaqaatii fi Yesusii harka mirgicha Waaqaa olejju argee “Mee laalaa, anin gubbaa Waaqaa ta banamtee, ilmii namaa harka Waaqaa mirgaan olejuu argaa” jedhe. Jennaan gurra isaanii cuqqaallatanii, qoonqoo olfudhatanii caaranii, wayaa isaanii miila dargaggeessa toko ka Sa'uloo jedhanii jala naqatanii isaatti ori'aanii, dadarbaa dira keessaa baasan dhakaan hadhaan. Adoo warrii dhakaan isa hadhumaatti jiruu, Isxifaanos, “Aabboo Yesus Hafuura kiyya fudhadhu” jedhee yaamate. Jennaan innii jilbiifatee qoonqoo olfudhatee, “Ee'ee Aabboo, cubbuu tana warraatti hinheregin” jedhee lallabe; akkana jedhee jigee du'e. Duuba Saa'ol ijjeechaa Isxifaanos Ee'ee jedhe. Guyyuma sun gumii Waaqaa ta Yerusaalem jirtu guddoo gaargalchanii, duuba ergamtoota malee gumiin taan cuftii lafa Yihudaatii fi Samaariyaa keessa gargarii bittinnoofte. Jarii dhugaa tokko Isxifaanosii guddoo boo'ee awwaale. Saa'ol ammoo gumii Waaqaa guddoo gaargalchee, manneen cufaa keessa dedeemee, dhiiraa fi nadheeniillee hidhaatti guure. Duuba Warrii gargarii firfirfame kaan fuluma cufaa yaa'ee dubbii Waaqaa haasa'e. Jennaan Filiphos gara dira Samaariyaa dhaqee waan Kiristoo warraatti haasa'e. Gumiin garaa tokkoon waan Filiphos jedhe caqaftee, waan mamaa ka innii tolcheellee argitee dhageette. Jinniin hamaamtuun qoonqoo olfudhattee iyyitee nama hedduu keessaa yaatee; namii hedduun ka kokottaa'ee fi ka nanaafate fayye. Akkanaan gammadii guddaan dira sun dhufe. Ammoo namicha tokkootti ka Simoon jedhan, ka durii dira sun keessatti tolchaa tolchee, warra dira Samaariyaa, sobee, jabeenna ufii odeesse jira. Namii diqqaa fi guddaalleen cuftii dubbii isaa caqasee, “Namichii kunin humna Waaqaa ta Humna guddoo” jedhaniin jedhe. Waan innii tolchaan yokaan hujii yuuboomaatiin guyyaa hedduu warra mamsiiseef namii cuftii isa caqase. Warrii ammoo Filiphosii waan oduu dansaa Mootummaa Waaqaatii fi waan maqaa Yesus Kiristoo haasa'u dhageennaan dhugeeffatee, dhiiraa fi nadheeniilleen cuubamte. Jennaan Simooniiyyuu dhugeeffate; eegii cuubamee, Filiphoss gula deemee, waan mamaatii fi akeeka innii tolchee arginaan guddoo mame. Ergamtootii ta Yerusaalem keessa teettu akka gumiin Samaariyaa dubbii Waaqaa dhugeeffatte dhageennaan, phexrosii fi Yoh. aannis itti ergite. Warrii Samaariyaa dhufee, akka Hafuura Qulqulloo argatan Waaqaa warraa kadhate. Maqaa Aabboo Yesus callaan cuuphaman malee, Hafuura Qulqulloon qara warra irra hinbuune. Jennaan Phexrosii fi Yoh. aannis harka isaanii warra irra keennaan Hafuura Qulqulloo argatan. Simoon akka eegii ergamtootii harka nama irra keette Hafuura Qulqulloo argatan arginaan, horii warraa fidee “Akka namii anin harka irra kaa'u cuftii Hafuura Qulqulloo argatuu, humna tana nallee kennaa!” jedhe. Phexros ammoo deebiseefii, “Waan Kenniisa Waaqaa waan horiin bitaattu seeteefii horiin kankee si waliin ha baduu! Waan garaan kankee fuula Waaqaa duraatti dansaa hinta'iniif atin waan kana keessaa diqqoollee hinqabdu; qoodaallee hinqabdu. Tanaaf cuubbuu tantee tana irraa deebi'ii Waaqaa kadhadhu; herrega garaa keetii kana faa sii araaramaa. Wantii akkanaatiif anin ya argee, atin hadhaa hadhooftuu qabda, ammallee hidhaansa cubbuu keessa jirta” jedhe. Jennaan Simoon, “Akka wantii isan baantan kunin tokkoolleen natti hindhumnee Waaqaa naa kadhadhaa!” jedhe. Warrii eegii dubbii Aabboo himee, Yerusaalemiitti galee, oduu Dansaa tana ollaa Samaariyaa hedduu keessatti haasa'e. Ergamaan Aabboo Filiphosiin dubbatee, “Ka'ii bitaa gara karaa gammoojjii ka Yerusaalemii ba'ee Gaazaa dhaquu deemi!” jedhe. Jennaan innii ka'ee deeme. Namichii sangisiisaan tokko, ka lafa Itoophiyaa itti dhufe; innii nama guddaa, ka qaallitti Itoophiyaa ta “Kandaakee” jedhan jala hojjatu, ka horii isii cufaa qorqoratuuf. Innii akka Waaqaa kadhatu Yerusaalem dhufe. Adoo achii galuu, gaarii ufii keessa taa'ee, kitaaba raaga Isaayas dubbisaa deeme. Jennaan Hafuurii Qulqulloon Filiphosiin, “Been, gaarii suniitti dhi'aadhuu isa gula deemi!” jedhe. Tanaaf Filiphos gara isaa utaalee, isa kitaaba raaga Isaayas dubbiisu dhagaa'ee, “Waan dubbisuutti jirtuu kana qalbeeffattaa?” jedhee gaafate. Innii ammoo, “Yo namii na qajeelche malee akamiin danda'ee midhaafadha?” jedhee deebise. Duuba akka innii gaarii yaabatee isa waliin taa'uu innii Filiphos kadhate. Fulaan innii barreessii keessaa dubbiisu jiru tana, ta “Akkuma hoolaa qalanii ijeechaatti isa geessani, ammallee akkuma ilmeen hoolaa ta abbaan rifeensa irraa ciru calliftuu, akkasuma callise. Isa diqeessanii, qorsumaa dhugaa irraa dhowwani. Eenuutti waan dhaloota isaa haasaa ree? Jireennii isaa lafa keessaa la hoba'ee” jettu. Namichii kaan Filiphosiin, “Raagii eennu baana? Ufi baana moo nama dhibii?” jedhee gaafate. Jennaan Filiphos fuluma barreessiin sun itti keeyatee waan Yesus oduu dansaa isaatti haasa'e. Ammallee warrii adoo karaa yaa'uu, fulaa bisaan tokko dhufee; namichii kaan filphosiin, “Mee ilaalii, bisaaniitti arma jiraa, maalti cuuphama argachuu na dhowwa?” jedhe. Jennaan Filiphos, “Garaa kankee cufaan yo atin dhugeeffattee si cuuphan” jedhee deebiseef. Innii Filiphosiin, “Akka Yesus Kiristoon Ilma Waaqaa ta'ee indhugeeffadha” jedhe. Namichii Gaarii dhaabachiisee, warrii lachuu bisaan keessa duudee Filiphos isa cuuphe. Bisaan keessaa baanaan, Hafuurii Aabboo Filiphos fuudhee deeme. Namichii kaan lafaa isa dhabee, ammoo gammadaan karaa ufii itti dhaabate. Filiphos ammoo lafa Azoxoniitti argani; biyya keessa deeme, dira cufa keesssatti oduu dansaa haasa'aa, Qiisaariin ba'e. Saa'ol ammallee akka jara Aabboo ijjeessee, gaargalchu herregee, gara Qaallicha Guddaa dhaqee, ergaa, gara manneen Waaqaa itti kadhatanii ta dira Damaasqootti barreessan, isa irraa fudhate; akka yo nama karaa Aabboo gula yaa'uu achiitti arge, dhiiraa fi nadheeniillee, hidhee Yerusaalem geessu. Adoo innii karaa deemuu, Damaasqootti dhi'aannaan, ibseen gubbaa baatee isaatti ibiste. Innii lafa dha'ee, qoonqoo tokko ta “Saa'ol, Saa'ol, atin maaf akkana na gaargalchita?” jettuun dhaga'e. Innii ammoo, “Aabboo, atin eennuu kanaa?” jedhe. Aabboon deebiseefii, “Anin Yesus ka atin gaargalchitu. Ammoo ka'ii, dira seen! Waan atin tolchuu maltee achiitti sitti himanii” jedheen. Jarii isa waliin yaa'u, qoonqoo dhageennaan akkanumaatti callisee ejaajjee malee, homaa hindubbanne, ka dubbatuullee qoonqoo dhaga'uu malee nama tokkoollee hingarre. Saa'ol lafaa ka'ee, ila banannaan homaa argu dadhabe; jennaan harka qabaniifii Damaasqoon dhufan. Haga guyyaa sadii lafa hingarre, ammallee nyaateellee hindhunne. Nama Yesus tokkotti ka Anaaniyas jedhan dira Damaasqoo keessa jira. Daayyaa keessa Aabboon isaan dubbatee, “Anaaniyas” jedhee yaamnaan innii, “Anin kunoo arma jira Aabboo!” jedheen. Aabboon isaan, “Ka'ii, gara karra ‘Qajeeltuu’ jedhanii dhaqii, nama lafa xarsee ka Saa'ol jedhan tokkoo, mana Yihudaa keessa barbaadi; innii Waaqaa kadhachuu jiraa. Ammallee innii daayyaa keessa nama Anaaniyas jedhan tokkoo ka akka innii deebi'ee lafa argu harka isa irra kaa'uu argee” jedhe. Jennaan Anaaniyas deebisee, “Aabboo, waan namicha kanaa anin nama hedduu irraa la dhaga'e; akka innii gumii tantee qulqulloo Yerusaalem jirtu waan hamtuu tolche. Ammallee innii maqaa qaallolee gugurdootiin arma dhufe, akka nama maqaa kankee yaamatu cufaa hidhu” jedhe. Aabboon ammoo, “Beenii dhaqi, anin, akka innii maqaa kiyya gosa dhibii, hayyootaa fi ijoollee Israa'elii duraatti haasa'uu, ya isa foohadhee. Anin gaargala guddaa, innii marroo maqaa kiyyaatiif argatu, isa ingarsiisaa” jedhe. Anaaniyas ka'ee dhaqee mana olseenee, harka isa irra kaa'ee, “Aaddaa Saa'ol, Aabboo Yesus, ka karaa keessatti sitti mullate, ya na erge, akka atin debbitee lafa argitee Hafuura Qulqulloon guutamtu” jedheen. Yoma sun wannii akka qolaa ila isaa irraa jiddee, innii yoosuu wa argee, ka'ee cuuphame. Duuba innii sagalee nyaannaan jajabaate; haga bultii diqqoo jara Yesus ka Damasqoo jiruu, waliin taa'e. Saa'ol yoma sun Manneen Waldeennaa seenee, “Yesus Ilma Waaqaatti” jedhee waan Yesus haasa'e. Namii isa dhaga'e cuftii ammoo mamee, “Namichii kunin ka Yerusaalem keessatti, nama maqaa kana yaamatu, balleesse kaaniiyuu? Ammallee wantii innii dhufeef, akka nama hidhee gara qaallolee gugurdoo geessuufiinii?” jedhe. Saa'ol ammoo haga qaraa irra jabaatee, akkii innii, akka Yesus dhuguma Kiristoo jabeesse himeen, Yihudii Damaasqoo teetu mamsiise. Bultii hedduun duubaatti, Yihudiin akka isa ijeeftu walmari'atte. Saa'ol ammoo akka Warrii isa ijjeesuuf karaa diraa halkanii guyyaa eeguu jiru, quba qaba. Jarii isa gula yaa'u ammoo halkan tokko isa fuudhee, sabaqee keessa kaa'ee, yaabdoo iraan alaatti isa baase. Saa'ol Yerusaalem geennaan jara Yesusiitti makamuu fedhe; warrii cuftii ammoo, waan akka innii dhuguma nama Yesusii ta'e isa hindugeeffaneef, isa sodaate. Baarnaabaas ammoo isa fuudhee gara jara Yesusiitiin dhufee, Akka Saa'ol Aabboo karaa keessatti arge, akka Aabboon isaan dubbate, ammallee akka innii Damaasqoo keessatti sodaa malee maqaa Yesus haasa'ee warraatti hime. Duuba Saa'ol warra waliin taa'ee, Yerusaalem keessa fulaa cufa dedeemee sodaa malee maqaa Yesusiitiin barsiise. Saa'ol, ammallee, warra Yihudii ka afaan Griikii haasa'uulleen walmormee; jennaan, warrii isa ijjeessuu fedhe. Obbooleeyyan waan kana dhageennaan gara lafa Qiisaariyaatti geessitee, dira Xarsees jedhaniitti isa ergite. Jennaan gumiin Waaqaa Yihudaa, Galiilaa fi Samaariyaa keessatti nagaa argatee, eebifamtee; aabboo Waaqaa sodaatee, qarqaarsa Hafuura Qulqullotiin jabaattee heddatte. Phexros adoo fuluuma cufa jidduu warra keessa dedeemuu, fulaa gumii qulqulloo, ta Liidaa teetuullee dhufe. Achitti innii nama tokko ka Eneyaas jedhan, ka haga ganna saddeetii fayyaa dhabee kokotaa'ee siree irra ciise arge. Phexros isaan, “Eneyaas, Yesus Kiristoon si fayyisaa, ka'ii siree tantee midhaafadhu!” jedheenii, Eneyaas yoma tokkoon ka'e. Namii Liidaa fi Saaron keessa taa'uu cuftii isa argee gara Aabboo dacha'e. Dira Yophee keessa, niitii dhugeeffatte ta Xaabiitaa jedhan, takkaatti jira; maqaan isii afaan Griikiitiin “Dorkaas” akkasi jechuun, Guguuftoo jechuu. Niitiin tunin yo cufaa waan dansaa tolchitee horiillee hiyyeeyyii kennite. Bara sun isiin fayyaa dhabdee doote. Eegii reeffa isii dhiqaanii, mana gubbaa jiru tokko keessa kaa'ani. Waan dirii Liidaa Yopheetti dhi'aattuuf, jarii Yesus akka Phexros achi jiru dhageennaan, nama lama isaatti ergee, “Hurrisii gara keenna kootti” jedhe. Jennaan Phexros ka'ee warra waliin deeme. Innii dhumnaan gara mana olii isa geessani. Nadheen dhiirsotii irraa dhumti cuftii isa bira ejaajjattee boottee, ubbaara fi wayaa Guguuftoon gaafa jirtu warraa hodhite garsiifte. Phexros ammoo warra cufa mana keessaa yaasee, jilbifatee Waaqaa kadhatee, gara reeffaa ilaalee, “Xaabiitaa, ka'ii!” Jedheen. Isiin ila banattee, Phexros arginaan kaatee teete. Phexros harka isii qabatee olfuudhee, gumii qulqulloo fi nadheen dhiirsotii irraa dhumteellee yaamee, isi jirtuu warraatti kenne. Waan kana Yophee keessa fuluuma cufaatti namii dhagayee, namii hedduun Aabbootti dhugeeffate. Phexros haga Guyyaa hedduu namicha gogaa machalleessu ka Simoon jedhan tokko waliin Yophee keessa taa'e. Namicha, maqaan isaa Qorneelewos jedhan tokkootti dira Qiisaariyaa keessa jira; gumii waraanaa ta dhibba tokkoo ta Roomaa “Xalii'aana” jedhan guddaan itti isa. Innii nama Waaqaati; isaa fi warrii isaalleen cuftii akka guddaa Waaqaa sodaata. Innii marroo Waaqatiif warra Yihudii hiyyeeyyii guddoo wa kenne, guyyaa cufaallee Waaqaa kadhata. Gaafa tokko saafaa gara saatii sagalii kanaatti, daayyaa keessa ergamaa Waaqaa tokko ka diidessee isaatti dhufee, “Qorneelewos” jedhee isaatti dubbate arge! Qorneelewos isa arginaan rifatee millatee, “Maal, Aabboo?” jedhee gaafate. Ergamaan ammoo deebiseefii, “Kadhachaa teetii fi waan atin Waaqaa jettee, hiyyeeyyii wa kenituuf, fuula Waaqaa duraatti ya si qaabatani. Amma nama gara dira Yopheetti ergii, nama tokko ka Simoon Phexros jedhan yaam. Innii keessummaa nama Simoon jedhan, ka gogaa machaalleessuu tokkoo; manii isaalleen afaan galaanaati” jedheen. Ergamaan isaan dubbate kaan deemnaan, Qeernelewos hojjatoota ufii lama yaamee, ammallee nama waraanaa ka amantii qabu qajeelaa tokko, ka guyyaa cufaa waan isaa ilaalullee yaame. Waan cufaa warraatti haasa'ee jennaan, Yopheetti warra erge. Jennaan boriyyaa warrii adoo yaa'uu diraatti dhi'aannaan, gara saatii ja'aa ta guyyaa Phexros Waaqaa kadhachuuf mana gubbaa kore. Innii beela'ee waan nyaatu fedhee; ammoo adoo sagalee dhaabanuu, daayyaa arge. Ammallee gubbaa Waaqaa ta banamtuu fi waan akka wayaa ta fiixee afraanuu hidhanii lafaatti gadi buusan arge. Waan sun keessa bineensa gosa hedduutti, ka miila afur qabu, ka garaan lafa irra loo'uu fi ka Waaqaa keessa babarsuulleen jira. Jennaan qoonqoon isaatti dhuftee, “Phexros, ka'ii, qaladhuu nyaadhu!” jetteen. Phexros ammoo, “Lakkii Aabboo, anin haga dhaladhee waan akkanaa kana ka qulqulloo hinta'iin yokaan waan hamtuu akkanaa takkaallee hin nyaanne” jedheen. Qoonqoon taan ammallee marroo lammeessoo deebitee, “Waan Waaqii qulqulleesseen, Qulqullooniti hin jedhin” jedheen. Wantii kunin marroo sadii akkasi taate, jennaan wannii akka wayaa kaan gubbaatti oldeebite. Adoo Phexros waan daayyaa argee sun herreguu, jarii Qorneelewos erge kaan mana Simoon gaafatee, balbala dura ejaajjee, Qoonqoo olfudhatee akka Simoon ka Phexros jedhan achi jiru gaafate. Adoo Phexros waan daayyaa sun herreguu jiruu, Hafuurii Qulqulloon isaan, “Laali, namii sadii si barbaaduu jiraa, tanaaf ka'ii, gad bu'ii, hinsodaatinii warra waliin deem; anaatti warra erge” jedheen. Jennaan Phexros gara jara Qorneelewos isaatti ergee kaan gadbu'ee, “Namii isan barbaaddan anaa; maaf dhuftan?” jedheen. Warrii deebisee, “Namicha qajeelaa Qorneelewos jedhan ka guddaa warra waraanaa, tokkootti nu erge; innii nama dhugaa, ka Waaqaa dhugeeffatu, ka gochitii Yihudii cuftii saaddu, akka innii mana isaatti si yaamee dubbii tantee dhaga'u, ergamaan Waaqaa qulqulloon tokkoo itti hime” jedhan. Jennaan Phexros, olduudaa jedhee warra bulche. Boriyyaa Phexros warra waliin ka'ee deemee, obboleeyyan gariilleen ta Yophee isa waliin yaate. Guyyaa itti aanu Qiisariyaatti gale. Qorneelewos ammoo yo sun; fiixaa ufitii fi jaallan ufii cufaa walti yaameetti warra eeguu jira. Adoo Phexros mana seenuu jiruu, Qorneelewos gadba'ee miila isaatti jigee isaa sagade. Phexros ammoo isa olqabee, “Oljedhi, aniilleen akkuma kankee namaa!” jedheen. Phexros adoo Qorneelewos waliin haasaa mana seenuu jiruu, gumii hedduu achiitti walwaldeetti arge. Innii, “Isan, akka aadaa keessa Yihudiin nama gosa dhibii waahela tolfattee waliin hinteenne akka dansaa beettan. Ammoo Waaqii akka anin nama tokkoollee tuffadhee yokaan, ‘Innii qulqullooniiti yokaan fudhatama hinqabu’ hinjenneen la na garsiise. Tanaaf yoma na yaaman sun adoo hinmormin isaniitti dhufe; duuba anin isan gaafadhaa maaf na yaamtani?” jedheen. Qorneelewos deebisee, “Bultii afuriin dura yoma ammaa kana adoo anin saafaa saatii saglii mana kiyya keessa taa'ee Waaqaa kadhadhuu namii wayaa bibillixuu tokko qabu na dura ejje, ‘Qorneelewos, kadhachaa tantee waaqii la sii dhagaye, ammallee waan atin hiyyeeyyii kennituullee la sii qaabate. Tanaaf nama gara dira Yophee ergii, nama tokko ka Simoon Phexros jedhan yaam; innii keessumaa namicha Simoon jedhanii ka gogaa machaalleessu, ka afaan galaanaa taa'uutii’ naan jedhe. Tanaaf anin marroo tokkoon si yaame, atiilleen ka dhufte waan dansaa tolchite. Ammaatana nu cuftii akka waan Aabboon sitti nuu hime cufaa dhageennu arma fuula Waaqaa dura, jira” jedheen. Jennaan Phexros, “Dhugumaa anin akka Waaqii nama tokkoollee wali hindabarsine amma la hubadhe. Ammoo gosa cufaa keessa nama isa dhugeeffatee waan dhugaa tolchu innii injaalata. Akka Waaqii dubbii sun gara ijoollee Israa'elii erge, akka oduu nagayaa dansaa karaa Yesus Kiristootiin haasa'an, akka Yesus Kiristoon Abbaa nama cufaa, isan inbeetan. Isan waan jabduu lafa Israa'elii, ardaa Galiilaa kana keessatti eegii Yoh. aannis, waan cuuphaa namaatti himee asi ta'e hinbeettani, akka Waaqii Yesus Naazireet Hafuura Qulqulloo fi jabeennaan muude, akka innii fulaa cufa dedeemee waan dansaa tolchee, nama Sheexanii gaargalche cufaa fayyise, akka Waaqii isa waliin jiru isan inbeettan. Nu waan innii lafa Yihudiitii fi Yerusaalem keessatti tolche cufaa dhugaa. Warrii muka irratti fanniseetti isa ijjeesse. Guyyaa sadeessoo ammoo Waaqii isa kaaseetti, diideessee nama garsiise. Namii cuftii isa hingarre, ammoo nu warrii akka dhugaa isaa taanu, Waaqii qaraa foohate eegii innii du'a keessa ka'e isa waliin nyaannee dhunnee, la isa agarre. Innii akka dubbii Waaqaa nama barsiimnu, akka namii Waaqii foohate ka dubbii nama jiruutii fi ka du'eellee muru isumaa, akka dhugeessinu la nu ajaje. Raagii cuftii, akka namii isaatti dhugeeffatu cuftii maqaa isaatiin araarama cubbuu argatu isaa dhugeessa” jedhe. Adoo Phexros ammallee dubbii tana dubbachuu jiruu, Hafuurii Qulqulloon warra dubbii tana dhaga'e cufaa irratti bu'e. Warrii Yihudii ka dhugeeffate ka Phexros waliin Yophee dhufe, waan Waaqii Hafuura ufii Qulqulloo gosa dhibii ta hindhugeeffatiinillee irratti buuseef guddoo mame. Wantii akkanaatiif warra afaan durii hinbeenne dubbatee Waaqaa guddisu dhaga'an. Jennaan Phexros, “Eentu dandaa'ee warra akkuma keenna Hafuura Qulqulloo argate kana, bisaaniin cuuphamuu dhowwa?” jedhe. Tanaaf innii akka warra maqaa Yesus Kiristootiin cuuphan ajaje, jennaan warrii akka Phexros bultii diqqoo achi taa'u kadhate. Ergamtootaa fi obboleeyyan Yihudaa keessa jirtu, akka gochitii hindhugeeffatin dhibiilleen dubbii Waaqaa dhugeefatte dhageette. Tanaaf Phexros Yerusaalemiitti dhi'aannaan warrii aadaa qabaanqabaa jabeessu isaan mormee, “Atin ya warra qabaanqabaa hinqabatiin waliin nyaatte” jedheen. Ammoo Phexros waan cufaa warraatti haasa'ee. “Anin adoo dira Yophee keessatti Waaqaa kadhachuu jiruu, daayyaa keessa, waan akka wayaa guddoo, ta fiixee afraanuu hidhan natti gadi buussan arge. Akka dansaa keessa ilaalaan, bineensa miila afurii, bineensa alaa, bineensa lafa irra loo'uu fi ka Waaqaa keessa babarisuullee arge. Jennaan qoonqoo, ‘Phexros, ka'ii, qaladhuu nyaadhu!’ naan jettu dhagaye. Anin ammoo deebisee, ‘Aabboo lakkii, wantii qulqulloo hinta'iin yokaan wantii hamtuun takka afaan kiyya seentee hinbeettuu’ jedheen. Qoonqoon Waaqaa gubbaa ammoo deebitee, ‘Waan Waaqii qulqulleesseen, Qulqullooniti hinjedhin!’ jette. Wantii kunin marroo sadii akkas taate, jennaan wannii kaan cuftii gubbaatti olidachaate. Yoma sun namii sadii, ka Qiisaarii natti ergan, fulaa mana anin taa'uu dhufe. Hafuurii Qulqulloon, adoo homaa hinsodaatin akk anin warra waliin deemu natti hime. Ammallee obboleeyyan ja'aan taaniin waliin yaanee, mana namichaa olduunne. Qorneelewos ammoo akka ergamaa Waaqaa mana ufii keessatti arge nutti hime, ergamaan sun, ‘Nama gara Yophee ergii, nama tokko ka Simoon Phexros jedhan yaam; innii akka sii fi Warrii keelleen baafamtan sitti hima’ jedheen nutti hime. Akkuma anin dubbii tiyya itti keeyadheen, Hafuurii Qulqulloon, akkuma durii nurra bu'e warraallee irra bu'e. Jennaan anin yoma sun dubbii Aabbo ta innii ‘Yoh. aannis bisaaniin cuuphe, isan ammoo Hafuura Qulqulloon cuuphamtan’ jedhe taan qaabadhe. Yo Waaqii kennamsa akka gaafa nu Aabboo Yesusii Kiristootti dhugeeffanne nuu kenne warra kannaallee kennee, ‘Anin namii danda'ee Waaqaa dhowwu eennu ree?’ ” jedhe. Waan kana dhageennaan dubbii isaa quufanii, “Waaqii gosa dhibiillee ta hindhugeeffatin ya cubbuu irraa deebisee jireenna kenneef” jedhanii Waaqaa faarsan. Gaargala yo Isxifaannos du'e sun gumii dhugeeffatteetti dufe suniin warrii guddoo gargarii bittinaayee, haga finiiqee haga Qophrosittii fi Anxokiyaa yaa'ee dubbii Waaqaa Yihudii callaatti haasa'e. Jarii garii ka Qophrosii fi Qareenee ammoo, Anxokiyaa dhumnaan gosa Giriikiilleetti haasa'anii, oduu dansaa Aabboo Yesus Kiristoo himan. Irreen Aabboo warra waliin jirti, namii hedduun dhugeeffatee gara Aabboo deebi'e. Oduun tunin gumii dhugeeffatte ta Yerusaalem dhaqabiddee, jennaan warrii Baarnaabaa Anxokiyaatti erge. Innii dhumnaan eebba Waaqii akkanumaatti isaanii kenne arge, guddoo gammadee, akka garaa isanii cufaan Aabboo dhugeeffatan nama cufaat hime. Waan Baarnaabaas nama dansaa Qafuura Qulqulloon guutamee, ammallee dhugeeffachaa jabduu qabu, ta'eefii namii hedduun Aabbootti darame. Jennaan Baarnaabaas Saa'oli barbaaduuf gara Xarsee dhaqe. Isa arginaan gara Anxokiyaatiin dhufe; haga ganna tokkoo cufa warrii gumii Waaqatiin walwalda'ee, nama hedduu barsiise. Ammallee Anxokiyaa keessatti qaraa jara Yesus “Kiristaana” jedhanii yaaman. Bara sun raagooti garii Yerusaalemii yaatee gara Anxokiyaa dhufte. Warra keessaa namichii tokko, ka Agaabos jedhan, ka'ee akka beeltii jabduun lafa cufaatti dhuftu irree Hafuura Qulqullootiin dubbatee fage. Beeltii tunin bara mooticha Roomaa ka Kilaawudiiyos jedhanii dhufte. Jarii Yesus cuftii, akk haga danda'uu, obboleeyyan Yihudaa keessa jirtu qarqaaru walii gale. Akkasi tolchanii, harka Baarnaabaasiitii fi ka Saa'oliitiin horii jaarroleetti ergan. Bara sun hayyuun Herodis jedhan tokko gumii Kiristaanaa itti ka'ee gaargalche. Innii Yaaqoob obbooleessa Yoh. aannis goraadeen ijjeese. Ammallee akka wantii kunin warra Yihudii gammachiiftu arginaan Phexrosiillee qabe. (Gaafasii guyyaa jila qixxaa bukoo hinqamneeti.) Qamnaan mana hidhaansaa keessa kaa'ee, akka afur afuriin isa eegan harka warra waraanaa kudhanii jahaatti kenne. Jiltii dabarsaa dabaraan, akka itti muran biyya duraatti isa baasuu fedhe. Tanaaf Phexros mana hidhaatti lakkisan, gumiin Kiristaanaa ammoo guddoo Waaqaa isaa kadhatte. Guyyuma Herodisi silaa biyya duraan isa dhufuu fedhe sun, ka Phexros haada sibiilaa lamaan walti hindhani jidduu warra waraanaa lama rafuu jiru; jarii mana hidhaansaa eeguulleen balbala dura ejaajjeetti eeguu jira. Tasa ergamaan Aabboo Phexros bira ejjee, ibseen manaatti ibsitee, ergamaan sun cinaacha Phexros dhadha'ee dammasee, “Phexros hurrisii ka'i!” jennaan sansalatii harka isaa irraa bu'e. Jennaan ergamaan isaan, “Hidhadhu, kopheelee naqadhu!” jedheen. Phexros ka'ee hidhatee, kopheelee keeyyatee jennaan, ergamaan ammallee, “Wayaa tanteellee uyyifadhuu, na gula kootti” jedheen. Phexros mana hidhaa keessaa ba'ee isa gula deeme. Ammoo akka wantii ergamaan tolche sunin waan dhugaa hinmidhaafannee, waan oobjate sehe. Eegii fulaa namii eegu ta qaraatii fi ta lameessoollee dabranii, balbala sibiilaa ta gara diraa nama baachuun ba'an. Balbaltii taan adoo namii itti hinbu'in ufumaan warra duraa banamtee, warrii alaatti gadba'ee, karaa tokko gula yaa'ee, yoma tokkoon ergamaan isa bira deeme. Jennaan Phexros waan kana midhaafannaan, “Akka Aabboon ergamaa ufii ergee, harka Herodisitii fi waan gochitii Yihudii na tolchuu feete jalaa na baase, dhugumaa, amma la beeke!” jedhe. Phexros waan kaan hubannaan, gara mana Maariyaam haadha Yoh. aannis, ka maqaan isaa dhibiin Maarqos jedhan, dhaqe; namii hedduun achiitti walti qabameetti Waaqaa kadhachuu jira. Phexros balbala alaa dhodhoomnaan, intaltii hojjattuu takka ta Roodaa jedhan laaluu dhufte. Isiin qoonqoo Phexros dhageennaan, gammadee balbala banuu dadhabdee, utaaltee akka Phexros balbala dura ejju himte. Warrii dhageennaan, “Ati ya maraatte” isiin jedhe. Isiin ammoo “Dhugumaa, isuma dhugaa” jette. Jennaan warrii, “Yoos ergamaa Waaqaa ka isa eegu” jedhe. Phexros ammoo balbala dhadha'uma dhadha'ee, balbala bannaan isa arganii guddoo maman. Innii ammoo akka warrii callisu harkaan milikkita warra garsiisee duuba akka Aabboon hidhaansa keessaa isa baase warraatti hime. Ammallee warraan, “Beenaa, waan kana Yaaqoobii fi obboleeyyan taaniitti himaa!” jedhee, ufii ka'ee gara dhibii dhaqe. Laftii bariinaan warrii waraanaa guddoo bakakee, waan Phexros ta'e walgaafate. Herodis Phexros barbaadee dhabee jennaan, warra waraanaa ka isa eege gaafatee ijeechaa itti mure. Eegii sunii Herodis Yihudaa keessaa deemee, Qiisaraa dhaqee achi taa'e. Herodis biyya Xiiroosii fi Sidooniitti guddoo dallane; warrii walti ba'ee isaatti dhufee, namicha Bilaasxos jedhan, ka mana hayyuu keessa hojjatu akka innii warra qarqaaruu kadhatanii, eegii amansiifataniin, duuba gara Herodis dhaqanii, araara kadhatan; waan laftii sun warra lafa Herodis irraa sagalee argattuuf. Guyyaa tokko ka foohatan, Herodis mi'a hayyuu keeyyatee, barcumaa isaa guddaa irra taa'ee, gumii durratti warraatti dubbate. Gumiin lallabdee, “Qoonqoon tun ta Waaqaa malee ta namatiin” jette. Waan innii ulfina Waaqaa hinkenniif, ergamaan Aabboo yoma tokkoon isa dha'ee, Herodis raama'ee du'e. Dubbiin Waaqaa ammoo guddattee, baballachaa fulaa hedduu geete. Baarnaabaasii fi Saa'ol hujii isaanii hobaafannaan Yoh. aannis ka Mar. qos jedhan fudhatanii Yerusaalem keessaa, galan. Gumii Waaqaa ta lafa Anxokiyaa jirtu keessaa, raagootaa fi barsiisotaatti jira. Warrii sun Baarnaabaa, Simoon ka “Guraacha” jedhaniin, Luukiyos nama lafa Qareenee, Maanaa'en ka bulichaa Herodis waliin guddatee fi Saa'oli. Adoo warrii Aabboo hojjatee ufii agabsuu jiruu, Hafuurii Qulqulloon, “Baarnaabaasii fi Saa'ol hujii anin warra foohadheefiitti naa qoodaa!” warraan jedhe. Jennaan eegii ufi agabsan, harka warra irra kaa'anii Waaqaa kadhatanii gara dhibii ergani. Baarnaabaasii fi Saa'ol Hafuurii Qulqulloon warra erginaan Seluuqiyaa dhaqan; achiillee hoboloo duudanii gara Qophros dhaqan. Warrii Salaam dhaqamnaan dubbii Waaqaa manneen waldeennaa ka Yihudii keessatti haasa'e; Yoh. aannis ka Maarqos jedhaniillee akka warra qarqaaruuf fudhatanii dhaqan. Warrii eegii lafa galaanaa sun cufa keessa yaa'ee gara Phaafo taakke, namicha gosa Yihudii ka “Ani raaga” ufiin jedhu falfalticha tokko arge; maqaan isaa Baaryesus jedhan. Namichii falfaltichii sun, namicha bulchaa lafa galaan keessaa suniin jaala; maqaan namichaa Sergiiyos phaawulos jedhan; innii nama guddoo qalbii qabu. Namichii bulchaa sun akka dubbii Waaqaa warra irraa dhaga'u Baarnaabaasii fi Saa'ol ufii yaame. Falfaltichii kaan ka afaan Griikiitiin “Eliimaas” jedhan ammoo, waan akka namichii bulchaa kaan dubbii sun dhagayee hindhugeeffanne fedheefii Baarnaabaasii fi Saa'oliin morme. Jennaan Saa'ol, ka “Phaawulos” jedhan, Hafuura Qulqulloon guutamee namicha falfalticha kaan ila keessa laalee, “Atin ka kiyyibaa fi cubbuun guutamte, ilma Sheexanaa, nyaapha dhugaa cufaa, karaa Aabboo ka dhugaa sobaatti jijiiruu hinlakiftuu? Ammatana laali, harkii Aabboo si dha'aa; ila dhabdaa, haga bultii diqqoo tokkoo lafa hingartu” jennaaniin, yoma sun iltii isaa saaphuphooftee, laftii itti dukkanooftee, innii deemee nama ulee isaa qabu barbaadate. Hayyuun kaan waan kana arginaan dhugeeffatee, waan barsiisa Aabboo guddoo mame. Phaawulosii fi jarii isa waliin jiru Phaafoosii hoboloon ka'ani, Phergee ta lafa Phamfiliyaa dhufan; ammoo Yoh. aannis ka Maarqos jedhan warra jaalaa deebi'ee Yerusalemiitti gale. Phergee yaa'ani dira Anxokiyaa ka lafa phisiidyaa dhufan; guyyaa Sambataa mana waldeennaa seenaanii tataani. Eegii dubbii Seeraatii fi ta raagaa dubbiisan, jaarroleen Mana Waaqaa taan nama warraatti ergitee, “Obbooleeyyaan, yo nama gorsuu feetan, dubbadhaa” jette. Jennaan Phaawulos olka'ee, harka olfudhatee biyyaan, “Dhiiroo, warra Israa'elitii fi gosa dhibiillee ta Waaqaa sodaattu, na caqasaa!” jedhe. “Waaqii gosa Israa'elii ababoota teenna foohatee gosa jabdu tolche, gaafa warrii akka keessumaa lafa Gibxii keessa taa'u. Innii irree jabduun lafa sun keessaa warra baase. Haga ganna afurtamaa lafa gammooojjii keessatti amala warraa hamaa obsee waliin taa'e. Innii gosa torba lafa Kana'aan keessaa balleessee, gumii ufi abbootii lafaa tolche. Duuba ganna dhibba afuritii fi shantamaa teennaan, haga bara raaga Saamu'elii jaallaboota warraa kenne. Warrii hayyuu fedhannaan Waaqii Saa'ol ilma Qiish ka gosa Beniyamiin warraa kenne; duuba innii haga ganna afurtamaa warra fide. Eegee Waaqii Saa'ol lakkisee Daawiti hayyuu warraa tolche. Waaqii isaa dhugeesee, ‘Anin Daawiti, ilma Isey nama garaan kiyya maachuu ya argadhe; innii fedhii tiyya cufaa inguuta’ jedhe. Akkuma durii kakate dhaloota nama kanaa keessaa Waaqii gumii Israa'eliitii ya fayyisaa kaasse, ka Yesus jedhani. Adoo innii hindhufin, Yoh. aannnis akka warrii daba irraa deebi'ee cuuphamu gumii Israa'elii cufaa barsiise. Yoh. aannnis hujii ufii cufa hobaasuu geennaan, ‘Isan eennu na seetani? anin ka isan eegachuutti jirtaniiniti; ammoo, namii tokko eegii tiyya indhufa, ka anin seemsaa kophee miila isaallee hiikuu hinmalin’ ” jedheen. “Obbooleeyyaan tiyya, ilmaan dhaloota Abrahaamii fi isan warra gosa dhibii ka Waaqaa sodaattan, dubbii baafamaa tana la nuu ergan. Wantii akkanaatiif warrii Yerusaalem taa'uu fi warrii gugurdaan warraalleen fuula isa hinbeeku yokaan dubbii raagotaatii fi ta seeraa ta guyyaa Sambataa cufa dubbiisan hin hubanne. Ammoo akka akkasiin dubbiin raagootii fadde guutamtu, du'a Yesusiitti muran. Adoo waan innii duu maleef dhabaniillee, akka isa ijjeessan Philaaxos kadhatan. Wantii durii, ta waan isaa barreessan, guutamnaan, warrii muka fannoo irraa gad buusee goda dhakaa keessatti awwaale. Waaqii ammoo du'a keessaa isa kaase. Innii guyyaa hedduu warra durii isa waliin Galiilaa ba'ee Yerusaalem dhufeetti mullate. Warrii sun amma gumii Israa'elii cufaa duraatti dhuga isaatti. Amma Waaqii waan abaaboota teennaatti kakate akka muummesse, nu oduu dansaa isaniitti himna; Waaqii Yesus du'a keessaa kaasee nu ilmaan ilmaan warraatii kakuu la guute. Faaruu lameessoo keessatti ‘Atin ilma kiyya, guyyaa kana anin ya Abbaa kankee ta'e’ waan jedhaa la barreesan. Ammallee waan du'a keessaa isa kaasitii, akka innii du'ee hinshamne, Waaqii, ‘Anin eebba dhugaatii fi qulqullumaa, ta Daawittii kakadhe isanii kenna’ jedha. Ammallee Faaruu dhibii keessatti innii, ‘Akka hojjataan kankee qulqulloon shamu atin ee'ee hinjettu’ jedha. Daawiti bara isaa akka feedhii Waaqaa hojjatee, doonaan abaaboota isaa waliin awwaalanii shame. Namii Waaqii du'a keessaa kaase ammoo hinshamne. Tanaaf obboleeyyan tiyya, akka marroo nama kanaatiif araarama cubbuu isaniitti haasa'an beekaa. Mar. roo isatiif ka durii seera Musee gula namii dhugaa argachuu hindandeennee, namii dhugeeffatu cuftii waan cufa keessatti dhugaa argata. Tanaaf akka wantii raagii dubbate kunin isaniitti hindhumne ufii eegadhaa! ‘Laalaa, isan warra nama tuffattan! Mamaa, badaa! Anin hujii isan adoo namii isaniitti himeellee hindhugeeffan takka bara keessan kana keessa hojjadha’ jedha” jedhe. Adoo Phaawulosii fi Baarnaabaas mana waldeennaa keessaa yaa'uu jiraanuu, gumiin akka dubbii tana Sambataa itti aanuullee dhufanii itti himan kadhate. Eegii mana Waldeennaatti yaa'anii gumiin gargaarii baate Yihudii hedduu fi namii aadaa Yihudiitti gale hedduun Phaawulosii fi Baarnaabaas gula yaa'e. Phaawulosii fi Baarnaabaas warraan haasoftee, akka eebba Waaqii isaanii kenne keessatti jabaatanii jiraatan warra gorsite. Sambataa lameessoo, namii dira sunii, harkii guddaan, akka dubbii Aabboo dhaga'u walti dhufe. Warrii Yihudii gumii guddoo agarraan guddoo hinaafee, dubbii Phaawulos jedhe mormee isa arabse. Jennaan Phaawluosii fi Baarnaabaas garaa jabaatanii, dubbatanii, “Dubbii Waaqaa qaraa isaniitti haasa'uu malan. Ammoo marroo isan diddanii jireenna barabaraa ka isanii malee argachu dadhabdaniif nu gara gosa hindhugeeffatiin dhibii dhandha. Wantii akkanaatiif Aabboon, ‘Anin ibsee warra gosa dhiibii ka hindhugeeffatini ya si tolche, akka haga muummee lafa baafama namaa taatu’ jedhee ya nu ajaje” jedhan. Warrii hindhugeeffatini ka gosa dhibii waan kana dhageennaan gammaddee dubbii Aabboo faarsee; namii akka jireenna barabaraa argatu foohatan cuftiinuu dhugeeffate. Dubbiin Aabboo lafa sun cufaa geette. Warrii Yihudii kaan nadheen dira sunii ta gurra qabdu ta beekanii fi nama gugurdaa dira suniillee, Phaawulosii fi Baarnaabaasiitti kaasee lafa sun keessaa gusse. Warrii ammoo akka awwaartii faana warraa dhugaa warraa taatu faana dhadhate Iqoniiyum dhaqe. Jarii Yesus ammoo gammadaa fi Hafuura Qulqulloon guutame. Akkuma sun Iqoniiyum keessatti Phaawulosii fi Baarnaabaas mana woldeennaa ka Yihudii olduudanii, marroo dubbii warraatiif gumiin guddoon ta Yihudiitii fi ta Griikiilleen dhugeeffatte. Warrii Yihudii ka dhugeeffachuu didde, ammoo nama hindhugeeffatin ka gosa dhibii dallansiisee obboleeyyanii dhugeeffateetti kaase. Ergamtootii guyyaa hedduu achi teettee, adoo hinsodaatin garaa jabeennaan waan Aabboo Yesus dubbatte; ammallee Aabboon dubbii eebba ufii dhugeesse, akeekaa fi waan mamaa harka warraatiin tolche. Biyyitii dira sunii gargarii qoodamtee, ta garii Yihudiin waldhaxxee, ta garii ammoo ergamtootaan waldhaxxe. Jennaan warra hindhugeeffatin ka gosa dhibitii fi Yihudiin, jara gugurdaa isaanii walin, waldhaxxee, ergamtoota gaargalchitee dhakaan hadhuu feete. Ergamtootii waan kana dhageennaan, gara Lisxiraa fi Derbee, dira lamaan tokko, ka lafa Liqaa'oniyaa keessa jiruu fi lafa itti aantuulleetti baqatte. Achiitti oduu dansaa haasofte. Fulaa Lisxiraa sun namicha miila naafa ka haga dhalatee danda'ee olhinkaane, tokkotti jira. Innii achii taa'eetti waan Phaawulos dubbatu caqasuu jira, jennaan Phaawulos ila itti qabee isa laalee, akka innii dhugeeffachaa fayyifamuun qabu argee, qoonqoo olfudhatee, “Ka'ii Miila keetiin olejji!” jedheen; namichii kaan olcee asii fi achii miilaan deeme. Biyyitii waan Phaawulos tolche arginaan qoonqoo olfudhattee, afaan Liqaa'oniyaatiin, “Waaqootii hedduun ya nama fakkaattee nutti gadi buute!” jettee dubbate. Jennaan warrii Baarnaabaasin, “Zeos” jedhee, Phaawulos ammoo waan namii dubbate isa ta'eefii, akka ergamaa waaqoota isaaniitti, “Hermees” jedhanii moggaasan. Jennaan qaalluun Zeos, ka manii isaa dhaattuu balbala diraan seenaanii sangaa fi daraaraa balbala diraatiin dhufee, biyya waliin sooriyoo qaluu fedhe. Phaawulosii fi Baarnaabaas waan kana dhageennaan, wayaa ufii tatarsaasanii, ori'aanii jidduu biyyaa duudanii itti iyyani, “Dhiiroo, isan maaf waan akkanaa kana tolchitani? Nu waaqootaanii namuma akka keessaniitii! Nu oduu dansaa isanitti haasoomna, akka waan kana ka homaa hinta'iin irraa deebitanii, gara Waaqaa jiraataa ka lafaa fi gubbaa, galaanaa fi waan keessa jira cufaa uumeetti deebitani. Innii durii akka gochitii cuftii aadaa ufii gula yaatu itti lakkise. Taatuullee innii waan isa dhugeessaa takka hindhamne, waan dansaa tolchee, bokkaa gubbaa gadi isanii roobee, midhaan isanii kennee garaa keessan sagalee fi gammadaan quufsa” jedhan. Ergamtootaatti dide malee yo dubbii tana dubbataniiyyuu biyyitii diqumaa sooriyoo ergamtootaa hinqalin. Yihudiin Anxokiyaatii fi ta Iqoniiyumii dhuftee biyya sossobdee, Phaawulos dhakaan haatee, waan innii du'e seetee dira keessaa hirkifte. Ammoo adoo gumiin dhugeeffatte isa marsituu, innii olka'ee dira olseenee, boriyyaa Baarnaabaas waliin gara dira Derbee dhaqe. Eegii Phaawulosii fi Baarnaabaas dubbii Waaqaa dira sun keessatti haasa'anii nama hedduu barsiisaan, warrii Lisxiraa, Iqoniiyumitii fi Axokiyaatti deebi'e, Warrii herrega warra dhugeeffatee jajjabeessee akka warrii dhugeeffachaa keessa taa'uu gorsee, “Nu gaargala guddaan Mootummaa Waaqaa argachuu malle” jedhan. Phaawulos fi Baarnaabaas mana kadhaa cufaa jaarrolee foo'anii, eegii ufi agabsanii Waaqaa kadhatanii duuba, warraa sun cufaa harka Aabboo ka warrii itti dhugeeffatuutti kennan. Jennaan Phaawulos fi Baarnaabaas Phisiidiyaa keessa dabranii gara Phamfiliyaa dhufan. Dubbii Waaqaa Phergee keesaatti haasa'anii, Ataalii'aatti gadbu'an. Achii ka'anii hoboloo keessa duudanii Anxokiyaa, fulaa qara warra harka irra kaa'anii eebbisanii, “Beenaa hujii Waaqaa hojjadhaa” jedhaniin ergan taaniitti dacha'an. Warrii hujii sun hobaamnaan gale. Warrii Anxokiyaa dhufee gumii walti yaamee, waan Waaqii harka warraatiin tolche cufaa haasa'ee, ammallee akka Waaqii karaa dhugeeffachaa gosa hindhugeeffatin dhiibiillee bane hime. Duuba guyyaa hedduu jara dhugeeffate sun waliin taa'e. Jarii tokko Yihudaa gara Anxokiyaa dhufee, “Isan yo akka aadaa Muusee gula qabaanqabaa qabattan malee, baafamu hindandeetan” jedhee obboleeyyan dhugeeffatte barsiise. Tana irratti Phaawulosii fi Baarnaabaas warraan waldhaquu dadhamnaan, warrii akka Phaawulosii fi Baarnaabaa namii dhibiillee waliin Yerusaalem dhaxee, ergamtootaa fi jaarrollee waan kana gaafattu buufate. Duuba gumiin Waaqaa imaltuu warra ergitee; warrii akka namii hindhugeeffatin ka gosa dhibii gara Waaqaa dacha'e odeessaa, Finiiqeedhaa fi Samaariyaa keessa dabree, oduun tun obboleeyaan dhugeeffatte ta achii jirtu cufaa guddoo gammachiifte. Yerusaalem geennaan, gumiin mana Waaqaa, ergamtootaa fi jaarroleelleen warra keesoomistee, warrii waan Waaqii harka warraatiin tolche cufaa haasa'e. Fariisotii garii ta dhugeeffatte ammoo kaatee, “Warrii dhugeeffate ka gosa dhibiilleen ha dhaqaanqabaa qabatee seera Muusee guutuu” jette. Duuba ergamtootaa fi jaarroleen waan kana laaluuf walti qabamte. Eegii dubbii guddoo walmormaan, Phexros olka'ee, “Dhiiroo, obboleyyaan tiyya, isan akka Waaqii gaafa qaraa akka afaan kiyya irraa namii hindhugeeffatin ka gosa dhibii dubbii oduu dansaa dhaga'ee dhugeeffatu, isan keessaa na foohatee inbeettan. Ammallee Waaqii ka garaa namaa beeku, dhugeeffachaa warraa arginaan akkuma Hafuura Qulqulloo nuu kenne, warraallee kenne. Ammallee innii nuu fi warra gargarii hinherrennee, ammoo marroo dhugeeffachaa warraatiif garaa warraa qulqulleesse. Duuba maaf qambaraa abaaboota teennaa fi nulleen baachuu hindandeenne, jaraa Yesus irra keettanii Waaqaa laallattanii? Nulleen akkuma warraa akka eebba Aabboo Yesusiitiin baafamnu dhugeeffannaa” jedheen. Gumiin cuftii calliftee Baarnaabaasii fi Phaawulos ka akka Waaqii akeekaa fi waan mamaa harka warraatiin jidduu gosa dhibiitti tolche haasoftu caqafte. Warrii dubbii afaanii buufatee jennaan Yaaqoob ka'ee, “Dhiiroo obboleeyyan tiyya, na caqasaa! Simoon, akka Waaqii qaraa herregee gosa dhibii hindhugeeffatin keessaa gumii maqaa ufitiin foohatu ya hime. Akkuma barruun jettuu, dubbiin raagotaa waan kanaan walfakkaatti. ‘Armaan duuba anin indeebi'a, Hayyuummaa Daawit ta jideellee hinjaara; hoosaallee deebiseetti jaara, oliqajeelchaalle. Akka nama dhibii fi namii gosa lafa irra jirtuu cuftii, ka maqaa kiyyaan yaaman, Aabboo barbaadu. Aabboon, ka durii waan kana cufaa nama beesise’ akkana jedha. Tanaaf wantii anin herregu tana; nu warra gosa dhibii ka Waaqaatti deebi'e gaargalchuu hinmalle. Ammoo nu akka warrii sagalee waaqaa sobaa ka harkaan bocanii baasan didee, algalooma irraa ufi dhowwee, horii hudhamee du'ee foon hin nyaanne, yokaan dhiigaalle hindhunne, nu erga dhaamsa nagayaa warraa barreessina. Wantii akkanaatiif Muuseen haga duriitii, dira cufa keessaa nama dubbii isaa haasa'u qaba; ammallee guyyaa Sambataa cufaa manneen waldeennaa keessatti dubbiisan” jedhe. Jennaan ergamtootaa fi jaarroleen, gumii Kiristaanaa cufaa waliin, gumii Waaqaa keessaa nama foohanii, Phaawulosii fi Baarnaabaas waliin Anxokiyaatti, erguuf, walii galanii, Yihudaa ka “Barsaabbaas” jedhanii fi Siilaas foohanii Phaawulosii fi Baarnaabaas waliin ergan. Ergaa tana barreessanii harka warraatti kennanii, “Nu ergamtootaa fi jaarroleen, obboleeyyan teessan, nagayaa obboleeyyan hindhugeeffatin ta gosa dhibii, ta Anxokiyaa ardaa Sooriyaatii fi ta Qiliqiyaatti erginaa. Nu akka jarii armaa yaa'e tokko dubbiin isan gaargalchee hafuura keessan yakkuu fedhe ya dhageenne; ammoo nu seera akkanaa kana warraa hinkennine. Nu garaa tokkoon walit dhumnee, akka nama foohannee, jaallowwan teenna dadansaa Baarnaabaasii fi Phaawulos waliin isanitti erginu walii gallee buufanne. Baarnaabaasii fi Phaawulos warra marroo maqaa Aabboo keenna Yesus Kiristootiif jedhee waan jireenna ufii hinherrenne. Tanaaf nu akka ergaa isanii barreessan afaan ufitiin isanitti himan, Yihudaa fi Siilaas isaniitti ergine. Hafuura Qulqulloo fi nulleen waan tolchuu malan malee, ba'aa dhibii isan irra kaa'uu hinfeenu. Sagalee waaqoota sobaa ka harkaan bocanii baasan hin nyaatinaa; dhiigaa horii tokkoollee hindhuginaa, foon horii hudhamee du'ee hin nyaatinaa; algalooma lagadhaa; isan yo waan kana cufaa lagattan waan dansaa tolchitan. Nagayaatti taa'aa!” Warrii ergan ka'anii ka'ee yaa'ee Anxokiyaa dhufee, gumii Kiristaanaa walti qabee waraqata ergan kaan itti kenne. Waraqata ergan kaan dubbimnaan, namii cuftii marroo dubbii nama jabeesituu suniif gammade. Yihudaa fi Siilaas, waan raagoota tahaniif, dubbii hedduun obbooleeyyaan Kiristaanaa ta Waaqaatti dhugeeffatte jabeessanii gorsan. Eegii warrii diqqoo fulaa sun taa'e, obboleeyyan Kiristaanaa ta Waaqaatti dhugeeffatte akka gara dhufaniifiiti dacha'an, nagaan warra gadi dhiifte. Siilaas ammoo achii taa'uu fedhe. Phaawulosii fi Baarnaabaas Anxokiyaa keessa taanii, nama dhibiilee waliin dubbii Aabboo barsiisanii ammalee haasa'an. Eegii diqqoo achii bubbulanii Phaawulos Baarnaabaasiin, “Kootti dachaaneetti, dira dubbii Waaqaa itti haasoomne cufaa dhandhee, waan obbooleeyyan teenna ta dhugeeffatte keessa jirtuu laalaa!” jedhe. Baarnaabaas ammoo Yoh. aannis, ka Maarqos jedhaniillee, akka ufi gula fuudhanii deemaniin fedhe. Phaawulos ammoo waan innii Phamfiliyaatti warra lakkisee walin hujii hojjachuu dideef, akka isa fuudhan hinfeene. Warrii guddoo walmormee gargarii ba'e; jennaan Baarnaabaas Maarqos ufi gula fudhatee, hoboloon Qophros dhaqe. Phaawulos ammoo Siilaaa fudhatee eegii obboleeyyan dhugeeffatte akka warrii eebba Aabboo argatu Waaqaa kadhateef ka'ee deeme. Phaawulos gumii Kiristaanaa jabeessaa, Sooryaa fi Qiliiqiyaa keessa dabre. Phaawluos deemuumadeemee dira Derbee dhufee gara dira Lisxiraatti dabre. Achi ammoo nama Yesusiiti dhugeeffatte ka Ximotewos jedhan tokkootti jira; haatii isaa niitii Yihudii ta Yesusiitti dhugeeffatte takka; abbaan isaa ammoo gosa Griikii. Ximotewos obboleeyyan dhugeeffatte ta Lisxiraatii fi ta Iqoniiyum jirtu, biraatti nama maqaa dansaa qabu. Phaawulos akka innii isa waliin deemu isa foohatee, waan Yihudiin fulaa sun jirtu cuftii akka abbaan isaa gosa Giriikii beetuuf fuudhee dhaqaanqabaa qabeef. Warrii dira cufaa keessa yayaa'ee aadaa seera ergamtootaa fi jaarroleen Yerusaalemitti murtee, gumiitti kennee, akka jabeessanii eegan gorse. Tanaaf gumiin Waaqaa dhugeeffachaan jajjabaattee, guyyaa cufaa ittuma ida'amaa heddatte. Warrii Hafuurii Qulqlluoon akka Asiyaa keessatti dubbii sun hinhaasoomne isaan dhowwee jennaan, Friigiyaa fi Galaatiyaa keessa dabre. Warrii Miisiyaa geennaan Bitiinyaatti dabruu fedhee, hafuurii Yesus ammoo achi dhaquu warra dhowwe. Tanaaf warrii Miisiyaa bira yaa'ee dabree Xro'aasitti gadbu'e. Halkan tokko Phaawulos namicha lafa Maqedooniyaa tokko ka isa dura ejjee, “Maqedooniyaatti koottii, nu qarqaari” jedhee isa kadhatuu daayyaan arge. Akkuma innii daayyaa sun argeen, waan akka Waaqii nu yaamee oduu dansaa warraatti haasa'aa nuun jedhee midhaaffaneef, yoma tokkoon akka Maqedooniyaa yaanu buufanne. Jennaan nu hoboloo yaabbannee Xro'aasii kaanee, Saamotraaqootti qajeellee, boriyyaa Ne'apholiis dhumne. Achii ammoo dira lafa Maqedooniyaa sun keessaa dira cufa irra guddaa ka Filiphisiiyus jedhan tokko, ka Roomaan itti qubate dhumne. Nu dira sun keessa bulti diqqoo tokko teenne. Guyyaa Sambataa dira keessaa yaanee, gara moggaa galaanaa, fulaa warrii Yihudii Waaqaa itti kadhataa walitti qabamaan seene, dhandhee gadteteennee, nadheen fulaa sun jirtuutti haasoomne. Niitiin wayaa didiimtuu gati gugurdoo gurgurtu, ta dira Tiyaatiraatii dhufte, ta Waaqaatti dhugeeffatte, ta Liidiyaa jedhan takka, nu caqafte. Aabboon qalbii isii baneefii, isiin waan Phaawulos jedhe dhageette. Isii fi warrii mana isiilleen cuftii waliin cuuphamnaan, nuun, “Isan yo akka anin Aabbootti dhugeeffadhe amantanii, mana kiyya koottaa achi taa'aa!” jettee nu sobatee, nulleen ee jennee dhandhe. Gaafa tokkoo adoo nu fulaa itti kadhanuu yaa'uu jiruu, intaltii takka ta jinnii yuuboomaa qabduu, nuun baate. Isiin, waan wa fadduuf abbootii ufiitii horii guddaa galchite. Isiin, “Warrii kunin hojjatoota Waaqaa guddaati, ka karaa fayyinaa isaniitti himu” jettee iyyaa nuu fi Phaawulos gula deemte. Guyyaa hedduu akkasuma tolchite. Phaawulos ammoo laaleffatee gara isiii micciiramee jinniin, “Anin akka maqaa Yesus Kiristootiin, Isii keessaa baatuu sii ajaja!” jedhe; yoma sun jinniin taan isii keessaa baate. Abbootiin isii horii durii irraa argattu akka dhabdu arginaan Phaawulosii fi Siilaas qabdee gabayaatti hirkichee, warra biyya bulchu duraatti geessite. Warra Roomaa ka dubbii murutiin dhufanii, “Jarii Yihudii kunin guddoo dira keenna kana yakkuu jira. Ammallee aadaa nu gochitii Roomaa dhaga'uu hinmalin yokaan guutuu hinmalin nu barsiisa” jedhanii himantan. Gumiin guddoon warra kaaniitti daraamtee itti caartee, jennaan warrii Roomaa ka dubbii muru kaan wayaa Phaawulosii fi Siilaasii irraa tatarsaasee, “dhaanaa” namaan jedhe. Eegii lichoon guddoo warra dhaanani, mana hidhaatti warra naqanii, nama mana hidhaa eeguun, “Akka dansaa warra kana qorqoraadhu” jedhan. Innii seera kana dhageennaan dinqa manaa keessa warra naqee, miila warraa jabeessee mukaatti hidhe. Gara halkan saatii ja'aa kanaatti Phaawulosii fi Siilaas Waaqaa kandhatanii faarsanii, namii hidhaansa keessa jiruu cutii warra dhagaye. Adoo homaa hinbeekin laftii chochootee, yayyabii manaalleen chochoo'e. Yoma sun balbaltii mana hidhaa cuftii banamtee, haadii sibiilaa ka namaan hidhan cuftii hiikate. Namichii mana hidhaa eegu kaan hirriiba keessaa dammaqee, balbala banaa qabdu argee jennaan, waan namii hidhaansa keessaa baqate sehee, goraadee luqqifatee ufii ijjeesuu fedhe. Phaawulos ammoo qoonqoo olfudhatee “Homaa ufii hintolchin! Nuun cuftii arma jiraa” jedhee itti iyye. Jennaan innii “Ibseen naa koottaa!” jedhee, mana keessa olcee, hollatee miila Phaawulosii fi Siilaasii duraatti jige. Jennaan warra keessaa yaasee, “Dhiiroo ani akka baafamu maan tolchuu malee?” jedhee gaafate. Warrii deebiseefii, “Aabboo Yesusiitti dhugeeffadhu, duuba warra kankee cufaa waliin inbaafamtaa” jedheen. Jennaan warrii dubbii Aabboo isaa fi nama mana isaa keessa jiru cufaatti hime. Innii yoma sun halkaniin warra fuudhee, madaa warraa dhiqee; isaa fi warrii isaalleen cuftii yoma sun cuuphame. Jennaan mana ufitiin warra dhaqee sagalee warraa kennee, waan warra ufii waliin Waaqaatti dhugeeffateef guddoo gammade. Laftii bariinaan, warrii Roomaa guguruddaan dubbii muru kaan, akka warrii waraanaa dhaqee “Jara sun gadi dhiisi! Jedhan” jedhee namicha mana hidhaa eeguutti himu itti erge. Jennaan namichii mana hidhaa eegu kaan dubbii taan Phaawulosiitti himee, “Jarii Roomaa ka dubbii muru ya akka gad isan dhiisan nama nutti ergee, tanaaf amma ka'aa nagaan yaa'a” jedheen. Phaawulos ammoo, “Warrii adoo nulleen gosa Roomaatuu biyya duraatti, nu dhaannee, adoo wallaala nutti hinmurinuu hidhaansaatti nu naqe; amma ammoo akkanumaatti dhossaan nu yaasuu fedhaa? Hiyyoo, tun hintaa'tu, warrumaan ha dhufee keessaa nu yaasuutti” warraan jedhe. Jarii waraanaa dubbii taan warra Roomaa ka dubbii muruutti himnaan, warrii Roomaa ka dubbii muru kaan, akka Phaawulosii fi Siilaas gosa Roomaa dhageennaan guddoo sodaate. Tanaaf dhufanii araarama kadhatan. Jennaan diidaatti yaasanii, akka warrii dira sun keessaa yaa'u kadhatan. Phaawulosiifi Sillaas mana hidhaa keessaa ba'anii, mana Liidiyaa dhaqan; achiitti obbooleeyaan dhugeeffatte arganii, jabeessanii gorsanii ka'anii yaa'an. Phaawulosii fi Siilaasi eegii Amfiipholiisii fi Apholonyaa keessa dabranii, dira Tasaloniiqee, fulaa mana warrii Yihudii Waaqaa itti kadhatu dhufan, Phaawulos akkuma amala isaa jiddu warraa seenee, guyyaa Sambataa sadii waan dubbii Waaqaa warra waliin haasa'e. Innii diideessee, akka Kiristoon gaargalee du'a keessaa ka'uu malee, ammallee “Yesusiin kun ka anin waan isaa isanitti himu kun dhuguma Kiristoo” jedhee dhugaa warra garsiise. Namii garii dhugeeffatee, Phaawulosii fi Siilaas waliin yaa'ee; jarii Griikii ka Waaqaa sodaatuu fi nadheen gurra qabdu hedduulleen dhugeeffatte. Yihudiin ammoo waan kana inaaftee, nama hamaamaa, hujii hinqamne karaa irraa walitti yaamtee, dira cufaa goochee, akka Phaawulosii fi Siilaas qabdee gumii duraan dhuftu mana namicha Yaason jedhani dhihaate. Warra achii dhamnaan ammoo Yaasonii fi obboleeyyan dhugeeffate ta garii qabanii, gara jara gugurdaa harkisanii, “Warrii lafa cufa gargalche kunin yaayyuu armaalleen ba'e; Ammallee Yaasoniilleen warra mana ufii bulche. Warrii kun cuftii, ‘Hayyuu dhibiitti ka Yesus jedhan jira’ jedheetti, seera hayyuu warra Roomaa cabse” jedhanii iyyan. Dubbii tanaan dira gargalchanii gumii fi jara gugurdaa cufa jarjarsan. Jaarroleen Yaasonii fi jara kaan horii irraa fuunaan gadhiiche. Halkanuma sun obboleeyyan dhugeeffate Phaawulosii fi Siilaas gara Beriyaa ergite; warrii dhumnaan mana waldeennaa ka Yihudii dhaqe. Warrii lafa sunii warra Tasaloniiqee irra dansaa. Dubbii Waaqaa qalbii dansaan fudhateetti, guyyaa cufa kitaaba qulqulloo keessa akka wantii kun dhugaa laala. Warra keessaa namii hedduun, nadheen gurra dansaa qabdu ta gosa Griikiitii fi namii dhiiraalleen, hedduun dhugeeffate. Yihudiin Tasaloniiqee ammoo, akka Phaawulos dubbii Waaqaa Beriyaa keessatti haasa'e dhageennaan, achi dhuftee biyya itti kaafte. Jennaan yoma sun obbooleeyyan dhugeeffate Phaawulos gara galaanaa ergitee, Siilaasii fi Ximotewos ammoo achumaatti hafan. Warrii Phaawulos geegesse dira Ateenaatiin ga'ee Beriyaatti dacha'uu ka'ee jennaan, Phaawulos akka Silaasii fi Ximotewos hurree gara isaa dhufan warraatti dhaame. Phaawulos adoo dira Ateenaa keessaa taa'ee Siilaasii fi Ximotewos eeguu, akka dirii sun waaqota sobaa ka harkaan bocaniin guutame argee guddoo laalefate. Tanaaf mana waldeennaa keessatti Yihudii fi nama Waaqaa sodaatu waliin haasa'ee, dubbii mormeen, ammallee guyyaa cufa gabayaa keessatti namuma achiitti arge waliin haasa'e. Jarii barsiisotaa ka beekumsa biyya lafaa qoru, ka Ephequriyos fi Istoyikos jedhan tokko, isaan dubbii morme. Namii garii, “Namichii daallichii kunin maan jechuu jira?” jedheen. Ka garii ammoo, waan innii waan Yesusiitii fi waan du'aa ka'iisa isaa warraatti haasa'eef, “Innii nama waan waaqoota gosa dhibii haasa'uu jiru fakkaata” jedheen. Warrii isa fuudhee, gara Aariophaagos geessee, “Barsiisa haraa atin nama barsiiftu tana dhaga'u feena. Atin dubbii mamaa nutti odeesitaa, tanaaf nu waan kana dhaga'u feena” jedhaniin. Warrii Ateenaatii fi keessumaan fulaa sun dhufteelleen cuftii, waan haraa haasa'an yokaan caqasan malee, yo cufaa homaa hintolchitu. Phaawulos kora Aariyophaagos taa'uu dura ejjee biyyaan, “Warra Ateenaa, akka isan guddoo waan Waaqaa herreddan yaayyu arge. Anin adoo dira keessan keessa dedeemee waan kadhachaa teessanii laaluu, dubbii tokko ta fulaa isan sooriyoo itti qalattanii irratti barreessan, ta ‘Gara Waaqaa namii hinbeennee’ jettu arge. Tanaaf waan isan adoo hinbeennee kadhattan kana anin isaniitti hima. Waaqii, ka lafaa fi waan keessa jiraa cufaa uume, innii waan Abbaa lafaa fi gubbaa ta'eef, mana harkii namaa jaare keessa hintaa'u. Innii waan ufiiftuu nama cufaa, jireennaa fi hafuura, waan barbaachisaaf cufaa kennuufii, qarqaarsa homaatuu, harka nama tokkoollee irraa hinfedhu. Innii nama tokko irraa gosa lafa cufaa keessa teettu uumee, lafa cufaa keessa qubsiise. Isumaatti qaraa bara gochitii sun teettuu fi daarii lafaallee tolche. Wantii innii akkasi tolcheef, akka Waaqaa barbaadanii fi akka silaa isa arganii beekan. Ammallee innii nuu cufaa irraa fago hinjiru. Nu isaan chochoonee, teteennee, jireenna arganna. Akkuma warrii keessan tokko sirba keessa jedhee, ‘Nu ijoollee isaati.’ ” “Duuba nu waan ijoollee isaa taaneef, waan Waaqii akka warqii yokaan akka saldaqaa yokaan akka dhakaa namii harkaan bocuu jiru sehuu hinmalle. Haga namii isa hinbeenne kaan cufaa Waaqii ya bira namaa dabre, amma ammoo akka namii cuftii cubbuu irraa deebi'u fedha. Innii guyyaa nama foohate suniin, biyya lafaa cufaa dhugaan itti muru, ya tolfate. Innii ya nama foohate kana du'a keessaa kaassee, waan kana karaa kanaan nama cufaa dhugeesse” jedhe. Waan du'a keessaa ka'iitii ka Phaawulos dubbate dhageennaan, namii garii gooyyeessee, ka garii, “Waan kana guyyaa dhibii itti deebinee sirraa dhageenna” jedhe. Duuba Phaawulos ka'ee kora keessaa deeme. Namii garii isaatti dhi'aatee dhugeeffate; namii isaatti dhi'aatee dhugeeffate tokko Diiyoniisiyos jedhan, ka miila (goli) Aariyophaagos, tokkoolleen niitii tokko ta Damaariis jedhan, ammallee namii dhibiilleen ka warra waliin jiru ya dhugeeffate. Eegii sunii Phaawulos Ateenaa ka'ee gara Qorontos dhufe. Achiitti nama Yihudii tokko, ka Aqiilaa jedhan, ka lafa Phonxosiitti dhalate, ka dhi'oo niitii isaa Phrisqiilaa waliin lafa Ixaaliyaatii dhufe arge. Wantii innii achii dhufeef waan Kilaawudiiyos akka Yihudiin cuftii lafa Rooma keessaa godaantu mureef phaawulos warra arguu fedhe. Ammallee waan hujiin warraa takka taateef warra waliin taa'e; hujiin warraa hujii waaroo midhaasan. Sambataa cufaa innii mana waldeennaa Yihudii dhaqeetti, keessatti haasa'ee Yihudii fi Griikii karaa ufii deebise. Siilaas fi Ximotewos Maqedooniyaa dhufanii jennaan, Phaawulos guyyaa cufa haasa'ee, akka Yesus Kiristoo ta'e Yihudiitti hime. Yihudiin isaan mormitee arrabsinaan, innii wayaa hargufatee, “Dhiigii keessan mataa keessan gubbaa ha jiraatuu, anin qulqulloo, ardhaa achi anin gara gosa dhibii hindhugeeffatinii deema” jedheen. Innii ka'ee achii deemee, mana namicha Tiitoos Yusxos jedhanii tokko, ka Waaqaatti dhugeeffatee dhaqe. Manii isaa dhaattuu mana waldeennaa jira. Kiriisphosiilleen, guddaan mana waldeennaa, warra ufii cufa waliin Aabboo dhugeeffate. Namii Qorontos hedduun waan kana dhageennaan dhugeeffatee cuuphame. Jennaan Aabboon halkan tokko daayyaan Phaawulosii dubbatee, “Hinsodaatin, hincalisinii dubbadhu! Anin si waliin jiraa, namii tokkoolleen danda'ee homaa si hintolchuu, anin nama hedduu dira kana keessaa qabaa” jedheen. Tanaaf Phaawulos dira sun keessa haga ganna tokkoo fi ji'a ja'aa taa'ee dubbii Waaqaa warra barsiise. Gaafa Gaalii'on jaallaba biyya Akaayyaa, Yihudiin walii galtee Phaawulos qabde, fulaa qorsumaatti geesitee, “Namichii kun, seera malee akka biyyitii Waaqaa kadhattu barsiisa!” jedhaniin. Adoo Phaawulos dubbachuu fedhuu, Gaalii'on warra Yihudiitiin, “Yo silaa wantii kunin waan kijibaa yokaan waan cubbuu hamtuu taatee, anin isanii warra Yihudii, caqasuu male. Ammoo yo waan dubbii, maqaa fi waan seera keessanii callaa taatee, isanumaan laaladhaa. Anin waan akkanaa kana hinqoruu” jedhe. Duuba fulaa qorsumaatii warra gusse. Namii achi jiru cuftii Sosteneesin, guddaa mana waldeennaa qabee, fulaa qorsumatti geesse dhaane. Gaalii'on ammoo waan kana tokkoollee hin yaalle. Phaawulos eegii guyyaa hedduu obboleeyyaan dhugeeffate waliin achi Qorontos keessa taa'ee, nagayaa obboleyyaaniitti dhaamatee, Phrisqiilaa fi Aqiilaa waliin hoboloo seenee lafa Sooriyaa dhaquuf ka'e; adoo hindeemin, Kanchre'aa keessatti kakatee mataa haadate. Efesoonon dhumnaan, Phaawulos Phrisqiilaa fi Aqiilaa achiitti lakkisee, ufii ammoo mana waldeennaa dhaqee warra Yihudiitiin haasa'e. Yihudiin akka Phaawulos warra waliin achi taa'u kadhattee, innii ammoo dide. Ammoo nagayaa dhaamatee, “Yo Waaqii jedhe anin indeebi'a” jedhee, hoboloo seenee ka'ee Efesoononii deeme. Qiisaaryaa geennaan Yerusaalem dhaqee, gumii Waaqaa nagayaa fuudhee, achii Anxokiyaallee dabre. Bultii diqqoo tokko achi keessa taa'ee jennaan, ka'ee lafa Galaatiyaatii fi Firiigiyaa keessa dedeemee gumii dhugeeffatte cufaa jajjabeesse. Bara sun namichii Yihudii tokko ka dira Iskindriiyaatti dhalate, ka Apholos jedhan Efesoonon dhufe; innii nama arrabaan qaroo ka ammallee waan barreessii cufaa akka dansaa beeku. Namichii kunin qara waan karaa Aabboo baratee, garaan isaa oowinaan waan Yesus qajeelchee dubbatee barsiise, ammoo cuuphaa Yoh. aannisii callaa beeka. Sodaa malee mana waldeennaa keessatti barsiise. Phrisqiilaa fi Aqiilaan waan isaa dhageennaan fuudhanii, haga qaraallee irra qajeelchanii karaa Waaqaa barsiisan. Apholos Akaayaa dhaqu feenaan, obboleeyyan dhugeeffatte akka jarii Yesus isa bulchu waraqata barreesitee itti kennite. Achiin baanaan innii warra karaa kenniisa eebba Waaqaa gulan dhugeeffate, guddoo qarqaare. Wantii akkanaatiif innii kitaaba barreessii durii keessatti barreessaniin, akka Yesus Kiristoo ta'e nama cufa garsiisee, akkasiin moromaa Yihudii cufa dabsate. Adoo Apholos Qorontos keessa jiruu, Phaawulos ardaa Asiyaa cufa keessa deemee Efesoononiin ba'ee, jara Yesusiitti dhugeeffate ka garii arginaan, “Isan gaafa dhugeeffattan Hafuura Qulqulloo argattanii?” warraan jedhe. Warrii ammoo, “Hiyyoo, nuu akka Hafuurii Qulqulloon jiruuyyuu hin dhageenne” jedhee deebise. Jennaan Phaawulos, “Isan cuuphama kamiin cuuphamtan ree?” jedhe. Warrii deebisee “Cuuphaa Yoh. aannisiitiin cuuphamne” jedheen. Jennaan Phaawulos, “Yoh. aannis akka cubbuu irraa deebi'an nama cuuphee, ammallee akka ka isaan duuba dhufu Yesusitti dhugeeffatan barsiise” jedhe. Warrii waan kana dhageennaan maqaa Aabboo Yesusitiin cuuphame. Phaawulos harka warra irra keeyyanaan, Hafuurii qulqulloon warra irra bu'ee, afaan hinbeenne dubbatanii, dubbii Waaqaa haasa'an. Warrii waltuma haga dhiira kudhanii lamati. Phaawulos, haga ji'a sadii mana waldeennaa ka warra Yihudiitti dedeebi'ee, sodaa malee barsiisee, amansiisuuf nama hedduun walmorma'a waan mootumma Waaqaa nama hubachiise. Namii garii ammoo mataa jabaatee dhugeeffachuu didee, gumii duraatti hammeenna karaa Aabboo dubbate. Jennaan Phaawulos jara Yesus ka dhugeeffate guuree warra biraa deemee, guyyaa guyyaan mana Xiraanos guddaa keessatti warra barsiise. Innii haga ganna lamaa cufa akkasuma barsiimnaan, namii ardaa Asiyaa keessa jiru cuftii, ka Yihuditii fi ka Griikiilleen dubbii Aabboo dhagaye. Waaqii akeeka gugurdaa takka hinargin harka Phaawulosiitiin tolche. Yo bututuu innii danfaan haqatu yokaan wayaa isaa nama fayya hinqamneetti geessaniillee, yoma sun fayyan; jinniilleen nama keessaa yaati. Yihudiin garii ta lafa cufa keessa yayaatee jinnii nama keessaa yaachu, maqaa Aabboo Yesusitiin jinnii nama keessaa yaasuu itti gamtee, “Anin maqaa Yesus ka Phaawulos barsiisuun si ajaja” jette. Ilmaan torbaatti ta Qaallicha Yihudii guddaa, Iskoyaas jedhanii, ta waan kana tolchite jira. Jinniin deebichee warraan, “Anin Yesus inbeeka, Phaawulosiillee hinbeeka, ammoo isan eennuu kanaa?” jedheen. Jennaan namichii jinnii qabu kaan warraatti ka'ee, dhaanee warra cufaa dabsatee, mataa dhodhoosee wayaa irraa tatarsaasee, qullaa mana keessaa gusse. Yihudii fi Griikiin Efesoonon keessa jirtu cuftii waan kana dhageennaan guddoo sodaattee, maqaan Aabboo Yesusiilleen guddifame. Namii hedduun ka qaraa dhugeeffate dhufee, cubbuu ufii diideessee himatee, waan hojjataa tureellee hime. Namii hedduun waan falfalaa hojjatuu kitaaba ufii walti guuree, nama cufaa duraatti ibidaan gube. Gatii kitaaba gubanii kaan cufaa herreganii jennaan akka isiin qarsii kuma shantamaa taate argani. Akkanaan dubbiin Aabboo jabaattee guddattee fulaa cufaa geette. Eegii waan kanaa Phaawulos akka Maqedooniyaa fi Akaayyaa keessa dabree Yerusaalem dhaqu kutatee, “Yo achi ga'e, Roomaallee dhaquu male” jedhe. Tanaaf innii jara isa qarqaaruu lama Ximotewosii fi Erasxos Maqedooniyaatti ergee, ammoo ufii Asiyaa keessa diqqoo tokko taa'e. Yoma sun marroo waan karaa Aabbootiif, Efesoonon keessatti rakkinii guddaan ka'e. Namichii ogeessii Demeexros jedhan tokko, fakkeenna mana Arxemiis itti kadhatanii saldaqaa irraa tumee, duuba hujiin tun nagada guddoo ogeeyyii cufaa dhufteeni. Innii ogeeyii fi nama hujii gosa sunii tolchu cufaa walti yaamee, “Dhiiroo isan akka nu daldala kana keessaa horii argannu hinbeettan. Ammallee akka namichii Phaawulos jedhan kun Efesoonon callaa adoo hin ta'in, Asiyaa keessa fulaa cufaatii, ‘Wantii harkaan midhaasan waaqaaniti’ jedhee, nama hedduu sosobee qalbii garagalchee dhugeeffachiisee isanuu la argitanii dhageettan. Wanti nu sodaannu akka hujii teenna callaa tuffataninitii, ammoo akka mana Arxemiis ta waaqaa jedhaniillee, ka Asiyaa fi laftii cuftii guddichuu, akka guddinnii isaa badu tuffatan” warraan jedhe. Dubbii tana dhageennaan Warrii guddoo caaree, “Arxemiisiin ta dira Efesoonon ha guddatuu!” Dirii cuftii goohannaan guutame. Gaayosii fi Arisxaarkos, jara Maqedooniyaa ka Phaawulos waliin himaltuu yaa'u qabanii diida koraatti geesan. Phaawulos biyyaatti gadi ba'uu fedhee, jarii Yesusiitti dhugeeffate kaan ammoo isa dhowwe. Jarii Asiyaa gugurdaan jaallan isaa tokko, nama itti ergee, akka innii diida koraatti gadhinbaane gorse. Namii garii waan tokkoo iyyaa, ka garii ammoo waan dhibii iyya; waan gumiin waan taatuu walaalteef, namii hedduun maaliif waan walti qabamaniifiiyyuu hin beenne. Namii garii waan warrii Yihudii biyya dura isa dhaabdeef, Iskindiriitti wa yake jedhe. Jennaan Iskindiris akka silaa warraatti dubbatu harkaan biyya callisiisu fedhe. Warrii ammoo akka innii Yihudii arginaan, namii cuftii qoonqoo tokkoon haga saatii lamaa, “Arxemiis ka dira Efesoonon ha guddatuu!” jedhee iyye. Eegee bulchaan diraa biyya callisiisee, “Dhiiroo biyya Efesoonon! Namii cuftii akka dirii Efesoonon mana Arxemiis guddaa fi dhakaa qulqulloo gubbaa gadbu'e qorqoraatu inbeeka. Akka namii waan kana danda'ee hinmormanne hinbeettanii, tanaaf callisaa, homaa hin yakkinaa! Isan amma jara kana la armaan dhuftan; jarii ammoo waan mana Waaqaa hin saamne yokaan Waaqaa keenna hin arrabsin. Yo Demeexrosii fi tumtichii isa waliin jiru dubbii nama irraa qabaatee, korii injiraa, namii dubbii qoruulleen injiraa, ha waan fedhan himatani. Isan ammoo yo tana malee waan dhibii feetanii, akkumaa aadaa kora jaarrollee keessatti dubbadhaa. Wantii akkanaatiif waan goohanna ardhaa tana, yo nu gaafattan nuu waan hamtuu; wantii gumiin tunin goohteef ta nu dandeennee himannu hinjirtu” jedhee, dubbii tanaan biyya gargargalche. Goohantii qabbanoofinaan, Phaawulos gumii Yesus walti yaamee, gorsee nagaa dhaamatee ka'ee Maqedooniyaa dhaqe. Lafa sun keessa dedeemee gumii guddoo jajjabeessee, lafa Griikii dhaqe. Ji'a sadii achi taa'ee, hoboloon Sooriyaa dhaquu kaanaan, akka Yihudiin dhossaan isa eeddu dhagayee, jennaan akka karaa Maqedooniyaatiin deebi'u kutate. Sophaaxros ilmii phiiros namii dira Beriyaa, dhufee isa gula deemee, ammallee Arisxaarkosii fi Sekundos warrii Tasaloniqee, Gaayos namii Derbee, Ximotewosis, Xikiqoosii fi Xrofimoos warrii Asiyaa, Phaawulosii waliin yaa'e. Jarii kunin nu dura dabree lafa Xro'aasittii nu eege. Guyyaan qixxaa bukoo hinqamneetti dabarraan nu Filiphisiiyusii hoboloon kaanee, eegii shan bulle Xro'aasitti warra dhaqqamnee, haga bultii torbaa achi teenne. Guyyaa qaraa ka torbaanii nu qixxaa cabsachuuf walti dhumnee, Phaawulos waan boriyyaa deemuu herregeef, dubbii isaa dheeressee haga halkan saatii ja'aa gumiitti haasa'e. Fulaa nu itti walitti qabamne ta mana gubbaa sun keessa, ibsee hedduutti jira. Namii dargaggeessi tokko ka Oyxikoos jedhan fulaa fooddaa (Maskootii) taa'e; adoo Phaawulos dubbachumaatti jiruu, Oyxikoos mugee hirriibii qabatee, adoo hirriba keessa jiruu haga mana sadeessoo ka gubbaa irraa dhaqatee lafa dha'ee, isa du'e lafaa fuudhan. Phaawulos mana irraa gadbu'ee gadjedhee, isaatti mammaratee, “Hin nahiinaa! innii hindoonee” jedhe. Jennaan eegee gara mana gubbaa sun oldeebi'e qixaa cabsee nyaatee, haga baraaqaa dheereessee haasa'ee, duuba ka'ee deeme. Warrii kaan dargaggeesse kaan ka jiru fuudhee manaatti geessee guddoo garaa jabaate. Phaawulos “Anin haga Asos miilaan deemaa, isan kanaan hoboloon koottaa artii na fuudhaa!” nuun jedhee, duuba nu hoboloon dabaree Asos yaane. Innii Asosiitti nuun baanaan, hoboloo keessa isa keennee Miixileeneetti dabare. Boriyyaa hoboloon achii kaanee Kiiyos dhumne. Guyyaa lameessoo Saamos dhumnee, guyyaa sadeessoo Miilexositti galle. Phaawulos marroo Asiyaa keessa turuu hin feeneefii, akka hoboloon Efesoon bira dabruu kutate; akka yo danda'e adoo guyyaaan shantameessoo ka “Phenxeqostee” jedhan hinga'in hariifatee Yerusaalem ga'u. Phaawulos adoo Miilexoos jiru, nama gara Efesoon ergee, jaarrolee gumii Waaqaa yaame. Warrii gara isaa dhumnaan, “Haga guyyaa qaraa ka Asiyaa dhufeetii jalqabee, akka anin jidduu teessan oole bule isanuu inbeettan. Gaafa Yihudiin na gaargalchitee na ijjeessu feetee, ufii diqeeseetti imimmaan boo'ee hujii Aabbo hojjadhe. Ammallee waan isanii oli aanaa tokkoollee gumii keessaa fi manneen teessan keessaalleetti, isan garsiisuu fi barsiisuullee irraa ufii hin qusanne. Anin akka cubbuu lakkisanii gara Waaqaa deebi'anii Aabboo keenna Yesusiitti dhugeeffattanii, Yihudii fi Griikiilleetti laayyuu hime. Amma adoo waan achiitti natti dhufaa hinbeekin, marroo Hafuurii Qulqulloon na deemsiseef gara Yerusaalem dhaquu jira. Hafuurii qulqulloon ammoo, akka dira cufa keessatti hidhaansaa fi gaargalii na eegatuu ya natti hime. Anin ammoo akka deemmaa tiyya gammadaan hobaasee, hujii tiyya ta Aabbo Yesus natti keenne, ta oduu dansaa dhugeessee guutuu, jireenna kiyya herregee waan bu'a naa qabaallee hinse'u.” “Anin akka isaaniin cuftii, ka anin jidduu teessaniitti Mootummaa Waaqaa haasa'e, fuula kiyya itti deebitanii hingarre inbeeka. Tanaaf anin ardha isaniitti himaa, akka yo isan keessaa namii tokkoolleen karaa irraa goree, ani itti hingaafatamu. Anin fedhii Waaqaa tokkoollee isan hindhossine. Tanaaf ufii fi hooliyyee hafuurii qulqulloon isaniitti kenneellee qorqoradhaa, akka gumii Aabboo ta innii dhiiga ufitiin bitate tissitan. Anin akka eegii ani deemee warrii hamaamaan hooliyyee hinqorqoraane, ka akka ya'ii jidduu teessan dhufu inbeeka. Ammallee warra dhugaa milisuu ka gumii dhugeeffatte ufii gula deebisuu jidduu teessanii ka'a. Tanaaf dammaqaa! akka anin adoo gargarii hinkutin imimmaaniin haga ganna sadii halkanii guyyaa nama cufaa gorse, qaabadhaa.” “Ani amma harka Waaqatii fi dubbii eebbaa ta isan jabeesitee warra qulqulloo waliin dhaala isanii kennuu dandeetuutti isan kennadha. Anin meeta yokaan warqii yokaan wayaa nama tokkoolleetti hin dharraane. Akka anin waan naa fi warra waahela kiyyaallee, feesisaa cufaa harka kiyyaan hojjadhee isanuu inbeettan. Anin akka akkasii hojjanee nama dadhabaa qarqaaruu mallee, waan cufaa la isan garsiisee. Ammallee dubbii Aabboo Yesus, ta innii, ‘Wantii kennan waan fudhatan irra eebba qabdi’ ” jedhe qaabdhaa. Phaawulos eegii akkasi dubbate jilbifatee warra cufa waliin Waaqaa kadhate. Warrii cuftii guddoo boo'ee qaaceera Phaawulosiitti mammaratee dhungate. Warrii guddoo laaleffate; waan innii akka warri deebi'ee isa hin garre dubbateef. Mar. roo dubbiin innii, akka warrii itti deebi'ee fuula isaa hingarre dubbate, warra guddoo laaleffachiifteef. Duuba warrii haga hoboloo isaa geggeesse. Eegii nagayaatti warraan jenne, hoboloo duunnee Qositti qajeellee, boriyyaa Roodoos dhumnee, achii phaaxaraatti dabarre. Achii hoboloo Finiiqeetti deemtu tokko arigannee, yaabbannee itti dhaabanne. Qophros ufi duraatti arginee, harka bitaatti ufi lakkimnee Sooriyaa dhandhee, dira Xiiroos fulaa hoboloon mi'a keessatti buufachuu feetuutti buufanne. Jara Yesus arginaan haga torbaan tokkoo achi isaan bira teenne. Warri jabeenna Hafuura Qulqullotiin akka Phaawulos Yerusaalem hindhandhe itti hime. Guyyaan nu warra biraa yaanuu geennaan, warra biraa yaanee karaa keenna qabane; namii cuftii nadheenii isaaniitii ijoollee isaanii waliin haga nu dira keessaa baanuutti nu geegeesse. Jennaan nuun cuftii afaan galaanatti jilbiiffannee Waaqaa kadhanne. Nagaa walti dhaamannee nu hoboloo duunnee, warrii deebi'ee warra ufiitti gale. Nu eegii Xiroosii kaane, Phitolemees, dhumnee, duuba obboleeyyan dhugeeffatte nagaa fuunee, guyyaa tokko warra waliin oolle. Boriyyaa achii kaanee Qiisaariyaa dhumnee, mana Filiphos, nama oduuu dansaa haasa'uu, duumnee waliin teenne. Innii jara torbaan Yerusalemiitti foohatan kaan keessa jira. Namichii kunin ijoollee dubraa ta dubbii Waaqaa haasooftu afur qaba. Eegii nu diqqoo achi turre, raagii Agaabos jedhan tokko, Yihudaa dhufe. Agaabos fulaa teenna dhumnaan gurdaa Phaawulos fuudhee, harkaa fi miila ufii hidhee Hafuura Qulqulloon, “Yihudiin Yerusaalem jirtu, abbaa gurdaa kanaa fuuteetti, akkana hiitee harka gosa dhibii ta Waaqaa hindhugeeffatiniitti kenniti” jedhe. Waan kana dhageennaan nuu fi warrii achi jiruulleen akka innii Yerusaalem hindhanne Phaawulos kadhanne. Jennaan Phaawulos, “Isan maan tolchitanii, boottanii garaa na yakitani? Anin hidhamuu callaa adoo hinta'in maqaa aabboo Yesusiiti jedhe, Yerusaalem keessatti du'uufuu kurfoo jiraa” jedhee nuu deebise. Innii sosobaamuu dinnaan, “Fedhiin Aabboo ha taatuu” jennee ga lakkimne. Jennaan eegii sunii mi'a keenna kurfeeffannee Yerusaalem dhandhe. Jarii Yesus tokko ka Qiisaariyaa jiru nu waliin yaa'ee, mana nama Minaason jedhanii ka lafa Qophros, ka duraanuu nama Yesus ta'e tokko, akka nu fulaa isaa teennu nu geesse. Nu Yerusaalem dhumnaan, obboleeyyaan dhugeeffatte gammadaan nu bulchite. Boriyyaa nu Phaawulos waliin yaanee, fulaa Yaaqoob dhandhee; jaarroleen Kiristaanaa cuftii achiitti argamte. Duuba innii nagaa fuudhee, waan Waaqii jidduu gosa isaatti hindhugeeffatin dhibiitti harka isatiin tolche hime. Warrii waan kana dhageennaan Waaqaa guddisee, “Obbooleessa, atin akka Yihudiin kuma hedduu ta dhugeeffatte jirtu, ammallee akka cuftii guddoo seera jabeesituu ya argite. Warrii Yihudii ka kuma hedduu cuftii barsiisa ati lafa gosa dhibii keessa taa'uu cuftii akka seera Muusee lakkisu, akka ijoollee isaaniillee dhaqaanqabaa hinqamne, akka ammallee aadaa gula hinyaane akka ati barsiiche la dhaga'an. Warriinuu akka ati dhufte indhagayaa amma maan tolchuu malan ree? Amma atin waan nu sitti himnu tolchi! Nama kakuu Waaqaa gale afur qamnaa. Warra fuudhii, warra waliin ufi qulqulleessi, akka warrii mataa haadatu horii aadaa baasiif! Duuba namii cuftii akka wantii waan kankee dhagayan sun homaa hinta'in, ammoo akka atin aadaa gula deemtee seera Muusee guutu inarga. Warra gosa dhibii ka dhugeeffattee, akka warrii foon horii waaqaa dharaa ka harkaan bocanii qalan, dhiigaa waan hudhanii ijjeesan tokkoollee waan babadaa ka dhiiraa fi nadheen karaa malee walin ta'an irraa ufii eegu, nu akka herrega keenna gula ergaa ya warraatti ergine” jedhan. Jennaan Phaawulos boriyaa jara kaan fuudhee, warra waliin ufii qulqulleessee, akka guyyaa qulqulleffachaan isaa hobaatte sooriyoo warra sun cufaaf qalan himu mana Waaqaa seene. Guyyaan torbaanii hobba'uu geennaan, Yihudiin Asiyaa dhufte mana Waaqaa keessatti isa argitee jennaan, gumii cufa itti kaaftee Phaawulo qabde. Jarii qoonqoo ol fudhatee, “Dhiiroo, gosa Israa'el, nu qarqaaraa! Namichii kunin, ka nama keenna cufa fulaa cufaatti, akka gosa Israa'el, seera Muuseetii fi mana Waaqaa kana tuffatan barsiisu, ammumaayyuu nama gosa Griikii mana Waaqaa kanaan dhufee, fulaa qulqulloo tana xureese” jedhanii itti iyyan. Wantii akkanaatiif warrii nama Efesoon, tokko, ka Xirofimoos jedhan, Phaawulos waliin dira keessatti argee, waan Phaawulos mana Waaqaa isa seensise sehe. Jennaan dirii sun cuftii chocho'ee, namii cuftii ori'ee, Phaaewulos qabanii hirkisaa mana Waaqaa keessaa baasanii, yoma tokkoon balbaltii mana Waaqaallee cufamte. Adoo Warrii isa ijjeessu fedhuu, akka Yerusaalem cufa keessaa goohantii jirtuu, oduun Roomaatti namich guddaa warra waraanaa geette. Jennaan innii yoma tokkoon warra warraanaatii fi jara gugurdaa warra waraanaa fuudhee, gara warra sunii ori'ani. Warrii guddaa warraa waraanaatii fi warra waraanaa arginaan Phaawulos dhaanu lakkise. Guddaan warra waraanaa itti dhi'aatee, Phaawulos qabee, “Haada sibiilaa lamaan hidhaa!” jedhe. Jennaan eegee ammoo, “Namii kun eennu, maan yakke?” jedhe gaafate. Gumii keessaa namii garii akka tokko iyyee, ka garii akka dhibii iyye. Hubachuu dadhamnaan, “Fulaa warrii waraanaa buluutti geessaa!” jedhe. Afaan balbalaa geennaan, warrii waraanaa marroo gumiin guddoo dallanteef, Phaawulos hamphaare. Gumiin guddoon isa gula yaatee, “Ijjeesaa! Ijjeesaa!” jettee iyyite. Adoo mana warra waraanaa geessanuu, Phaawulos guddaa warra waraanaatiin, “Siin dubbachuu hindana'aa?” jennaan innii, “Afaan Griikii dubbachuu inbeettaa? Atin namicha lafa Giibxii, ka onanaa nama kakaasee shiftaa kuma afurii lafa aloo geesseenitii?” jedhee gaafate. Phaawulos ammooo deebisee, “Anin Yihudii, nama dira Xarsees, ka lafa Qiliiqiyaa keessa jiru; ammallee anin nama dira guddaa tokkootti; abboo anin akka biyya tanaatti dubbadhu si kadhadha” jedhe. Innii, “Dubbadhu” jennaaniin, Phaawulos afaan balbalaa ejee, harkaan biyya callisiisee, warrii callimnaan, afaan Ibraayisxiitiin warraatti dubbatee. “Dhiiro, obbooleeyaan, abbootii, anin amma isan duraatti ufii dubbachuu fedhaa na caqasa!” jedhe. Isa afaan Ibraayisxii dubbatu dhageennaan haga qaraallee irra callisan. Duuba Phaawulos, “Anin Yihudii, dira Xarsees ka Qiliiqiyaa keessa jiru keessatti dhaladhe, ammoo dira kana keessa Gamaali'el jalaatti guddadhe. Aadaa seera ababoota teennaa cufa akkuma dhugaa na barsiisan; akkuma isan guyyaa kana tolchuutti jirtan kana karaa Waaqaa oowisee itti jabaadhe. Ammallee anin nama karaa kana gula deemu haga du'a gaargalche; dhiiraa fi nadheeniillee qabeetti, mana hidhaatti naqe. Qaallicha guddaa fi jaarroleen waan kanaatti naa dhugaa. Anin akka obboleeyyaan Yihudii ta Damaasqoo jirtuutti geessuu, ergaayyuu warruma irraa fudhaadhe; akka nama karaa sun gula deemu cufa qabee, akka achiitti gaargalchan Yerusaalemtiin dhufu.” “Adoo karaa deemuu anin Damaasqootti dhi'aannaan, guyyaa guddaa aduu saatii ja'aa, dingata ibseen tokko Waaqaa irraa natti ibsite. Lafa dha'ee, qoonqoo tokko ta, ‘Saa'ol, Saa'ol, maaf na gaargalchita?’ naan jettu dhaga'e. Anin, ‘Aabboo, atin eennuu kanaa?’ jedhee gaafadhe. Innii ammoo deebisee, ‘Anin Yesus Naazireet, ka ati gaargalchuu jirtu’ naan jedhe. Warrii na waliin jiru ibsee argee malee, qoonqoo naan dubbattu hindhageenne. Anin ammoo, ‘Aabboo, anin maan tolchuu male ree?’ jedhee gaafadhe. Aabboon ammoo, ‘Ka'ii, Damaasqoo dhaqi, waan atin tolchuu malte achitti sitti himaanii’ naan jedhe. Mar. roo ibsee sunitiif anin lafa arguu dadhamnaan, waahelii kiyyaa harka naa qabee dira Damaasqoo na seensise.” “Namichii, seera Waaqaa guutu, ka Yihudii Damaasqoo jirtu cufa biraatti maqaa dansaa qabu, ka Ananiiyaas jedhan tokko achi jira. Innii gara kiyya dhufee na bira ejjee, ‘Aaddaa Saa'ol, lafa argi!’ naan jedhee; anin yoma sun lafa argee isaallee arge. Jennaan Ananiiyaas, ‘Waaqii abaaboota teennaa, akka atin fedhii isaa baraattee, nama dhugaa sun argitee qoonqoo afaan isaa irraa dhageettuu, ya si foohate. Akka waan agartee fi waan dhageette cufaa nama cufaatti himtuu, dhugaa isaa taatu. Amma maan eedda? Ka'ii, maqaa isaa yaammadhuu cuuphami! Cubbuu tanteellee dhiqadhu!’ ” naan jedhe. “Anin eegii Yerusaalemitti deebi'e, adoo mana Waaqaa keessa taa'ee kadhadhuu, daayyaan wa arge. Daayyaa keessaa Aabboo argee, ‘Hurrisii, Yerusaalem keessaa ba'i! Warrii kunin dubbii tiyya ta ati himtu hindhugeeffatuu’ Adoo innii naan jedhuu dhaga'e. Anin ammoo, ‘Aabboo, warrii akka anin manneen waldeennaa cufa keessatti, nama si dhugeeffate hidhee dhaane inbeeka. Gaafa Isxifaanos, ka dhugaa teetii, marroo teetiif ijjeessanii, anilleen ijjeeffamuu isaatti dhugeeffadheetti, achii ejjee wayaa warra isa ijjeessee qorqoradhe’ jedhe. Jennaan Aabboon, ‘Ka'ii, deem anin lafa fagoo gara gosa dhibii ta hindhugeeffatinii si ergaa’ naan jedhe” jedhee warraatti hime. Haga innii dubbii tana dubbatu cufa caqasanii, jennaan eegee qoonqoo olfudhatanii, “Namii kun jiraachuu hinmallee, lafa tana keessaa balleessaa” jedhan. Adoo warrii goohee wayaa hargufee biyyee oli dadarbuu, guddaan warra waraanaa akka Phaawulos mana warra waraanaatti geessanii, waan warrii Yihudii akkas isaatti iyyeef beekanii, akka lichoon isa dhaanan mure. Dhaanuuf haadaan isa hiinaan Phaawulos, namicha isa bira ejuun, “Akkii isan nama Yihudii ka gosa Roomaatti gale tokko, ka wallaala itti hin murin dhaantan fulaa?” jedhe. Guddaan warra waraanaa tana dhageennaan, dhaqee guddaa ufiitti himee, “Atin maan tolchuu feeta? Namichii kunin gosa Roomaati!” jedheen. Guddaan warra waraanaa dhufee Phaawulosiin, “Ilaa, natti himii atin gosa Roomaatii?” jennaaniin Phaawulos, “Ee'ee” jedhe. Guddaan warra waraanaa kaan, “Anin horii guddaa baasee nama Roomaa ta'e” jennaan, Phaawulos, “Anin ammoo itti dhaladhe” jedhe. Jennaan warrii silaa isa himsiisu yoma tokkon isa biraa yaa'ee, guddaan warra waraanaalleen akka Phaawulos ka innii sibiilaan hidhe gosa Roomaa dhageennaan sodaate. Boriyyaa guddaan warra waraanaa, waan Yihudiin Phaawulos himatteef beekuu fedhee, tanaaf haada Phaawulos irraa hiikee, akka qaallolee gugurdoo fi jaarroleen biyyaa cuftii koraa walti baatu ajajee, Phaawulos fuudhee warra dura dhabachiise. Phaawulos jaarrolee koraa ila keessa laalee, “Obbooleeyyaan tiyya! Anin akka haga ardhaa wallaala mallee, fuula Waaqaa dura jiraadhee, qalbii tiyya keessatti inbeeka” jedhe. Jennaan qaallichii guddaan, ka Ananiiyaas jedhan, warra Phaawulos bira ejaajjuun, “Afaan keessa dhaa!” jedhe. Jennaan Phaawulos deebiseefii, “Waaqumaan si dha'inna, atin akka naaboo dhakaan jaaraanii daaraa dibanii adeessanii jirta; akka silaa seera gula na qortuuf arma teettee ammoo seera malee ‘Afaan keessa dhaa!’ namaan jettaa?” jedheen. Warrii Phaawulos bira ejaajjuu, “Atin Qaallicha Waaqaa guddaa arrabsitaa!” jedheen. Phaawulos ammoo deebisee, “Obboleeyyaan tiyya! Anin akka innii Qaallicha guddaa hinbeeku, ‘Warra isan fidu waan hamtuu hinjedhinaan!’ waan jedhaa la barreessan” jedheen. Phaawulos akka jarii garii Saduqoota ammallee ka garii Fariisotaa arginaan, kora keessatti qoonqoo olfudhatee, “Obbooleeyyaan, anin Fariisota, ammallee ilma Fariisotaa. Wantii na qoraniif marroo anin ka'iisa nama du'ee abdadhuuf” jedhe. Innii akkana jennaan, warra Fariisotaatii fi Saduqootaa jidduutti moroomaan kaatee gumiin gargarii qoodamte. Saduqootii, “Ka'iisii nama du'ee hinjiru; ammallee ergamtootaa fi ekeraalleen hinjirtu” jetti, Farisootii ammoo, “Wantii kun sadeenuu hinjirti” jetti. Guddoo iyyanii, jarii seera beeku ka gama Fariisotaa ka'ee mormee, “Nu nama kana irratti balleessaa hingarre, malaa dhuguma ekeraan yokaan ergamaan aabboo isaan dubbate” jedhe. Moroomaan akka takka hinargin dhumnaan guddaan warra waraanaa waan warrii Phaawulos qabee caccabsu sehee, tanaaf, akka warrii gadbu'ee harka isaanii keessa irreen isa fuudhee mana ufiitti isa galchuu warra waraanaa itti erge. Halkan lameessoo Aabboon isa bira ejjee, “Garaa jabaadhu! Akkuma Yerusaalem keessatti naa dhugeesitee sun, Roomaallee keessatti naa dhugeessuu maltee” jedheen. Laftii bariinaan warrii Yihudii tokko walti koraatee, “Haga Phaawulos ijjeemnuutti nyaannee hindhunnu” jedhee kakuu jabduu tokko walii kakaate. Warrii kakate sunin nama afurtamaa irra jira. Gara qaallolee gugurdootii fi jaarrolee dhaqanii, “Nu akka haga Phaawulos ijjeemnuutti homaa hin nyaanne ya kakuu jabduu kakanne. Tanaaf, isanii jaarrolee koraa, akka innii Phaaulos fuula keessan duraan dhufee waan dubbii akka dansaa irraa midhaaffatanii, walin guddaa warra waraanaatti himaa! Nu ammoo adoo innii armaan hinbaanee akka isa ijjeemnu kurfeeffannee eennaa” jedhaniin. Ilmii obbooleetti Phaawulos ammoo, akka warrii Phaawulos ijjeessuuf mari'ate dhageennaan, mana warra waraanaa olseenee Phaawulositti hime. Jennaan Phaawulos nama waraanaa tokko yaamee, “Dargaggeessa kana gara guddaa warra waraanaa geesi; innii waan itti himuu qabaa” jedheen. Namii waraan kaan isa fuudhee, gara guddaa warra waraanaa geessee, “Phaawulos, namichii hidhaansa keessa jiru kaan, na yaamee, ‘Dargaggeessa kana gara guddaa ketii geessi’ naan jedhee; innii dubbii jabduu sitti himu qaba” jedheen. Guddaan warra waraana dargaggeessa harka qabee, fulaa namii hinjirre geessee “Maan natti himuu feeta?” jedhee gaafate. Innii ammoo, “Yihudiin ya akka ati borii Phaaulos koraatti fideefii dubbii isaa akka dansaa kora keessatti qoraan si gaafachuuf wal mari'aattee walii galte. Ati ammoo dubbii warraa hincaqasin. Nama afurtamaa irra jiruutti dhokaatee isa eeggachuu jira; warrii cuftii ya haga isa ijjeessanitti akka nyaatanii hindhunne kakatan; amma waan sun tolchuuf kurfeefataniitti qoonqoo tantee eegachuu jiraan” jedhe. Guddaan warra waraanaa, “Ati akka waan kana natti himte nama tokkol'eetti hinhimin” jedhee dargaggeessa kaan ufibiraa deemsise. Jennaan namichii guddaa waraanaa jara gugurdaa warra waraanaa lama yaamee, “Warra waraanaa dhibba lama, nama fardaa torbaatamaa, nama waraanaa ka dhibba lamaa ka Qiisaariyaa yaa'uu kurfeessaa akka warrii saatii sadii ta halkaanii yaa'u. Fardoolee Phaawulos yaabatuullee qopheessaaf, nagaan harka jaallaba Feeliksiitti kenna!” jedheen. Innii ufii ergaa akka armaan jala jirtuu tana barreessee, “Anin Klaawudiiyos Liisiiyaas, jaallaba ulfaataa dansaa Feeliks nagaa qabdaa? Ka Warrii Yihudii nama kana qabee diquma hinijeessin; anin akka innii gosa Roomaa dhageennaan, warra waraanaa waliin dhufee isa baase. Waan isa himataniif beeku feenaan, fulaa jaarrolee koraa isa geesse. Akka warrii waan seera ufitiif isa himate argee, malee waan isa ijjeessuu malaniif yokaan waan isa hidhuu malaniif tokkoollee hingarre. Akka Yihudiin nama kana eeguu jirtu natti himnaan anin yoma tokkon gara kankee isa ergee, warra isa himatuullee, akka si duratti walhimatan itti hime.” Warrii waraanaa Phaawulos fuudhe Antiiphaaxrisitti halkaniin geesse. Boriyyaa warrii waraanaa ka miilaan yaa'uu fulaa dawoo (mishigi) isaniitti dacha'ee, warrii fardoo ammoo Phaawulos waliin dabre. Qiisaariyaa dhumnaan ergaa jaallabdichaatti kennan; Phaawulosiillee isa dura dhaabachiisan. Jaallabdichii kaan waraqata ergaa kaan dubbisee, “Namichii kunin nama lafa tami?” jedhe gaafate. Akka innii nama Qiliiqiyaa dhageennaan, “Yo jarii si himatuu dhufe, dubbii tantee laala” jedhee, akka mana hayyuu Herodis keessatti isa qorqoratan ajaje. Guyyaa shaniin duuba Ananiiyaas Qaallichii guddaan, jaarrolee fi nama seera beeku tokko ka Xerxilos jedhan walin Phaawulos himachuu gara Qiisaariyaa dhufe. Duuba waan Phaawulos himataniif jaallabdichaatti haasa'an. Phaawulos yaamanii jennaan Xerxilos isa himachuu jalqabee, “Ee Feeliks guddaa, waan marroo tanteetiif nagaa guddaa dansaa keessa teennuuf, ammallee waan marroo qarqaarsa keetitiif hujii dansaa gosa tanaa tolchaniif, nu guyyaa cufa fulaa cufaatti waan waan kana arganneef galata sii deebimna. Dubbii dheertuun si gaargalchuu hinfedhuu, ammoo, si kadhadhaa, dubbii teenna diqqoo tana obsaan nuu dhagayi. Nu nama kana ka nama gaargalchu argine; innii fulaa deemu cufaatti Yihudii yakka; innii guddaa warra Naazireet ka dharaan Yesusitti dhugeeffate. Ammallee innii mana Waaqaallee xureesuu feenaan nu akkuma aadaa teennaa gula isaatti qoruu feennee qamne. Guddaan keenna Liisiiyaas ammoo dhufee irree guddoon harkaa nu fuudhe. Eegee ammoo warrii Phaaulos himatuu cuftii akka fuula kankee dura dhufu ajaje atuuyyuu ufuumaa qortee, waan nu namcha kana himanuu cufaa isa irraa dhaga'uu indandeetta” jedhe. Warrii Yihudii cuftii walii galee, “Wantii kun akkuma innii amma dubbate kana” jedhe. Jaallabdichii harka Phaawulosiitti qabee, “Dubbadhu” jedheen. Phaawulos ammoo, “Akka atin ganna hedduu dubbii lafa tanaa qorte inbeeka, tanaaf fuula kankee duraatti ufii dubbachuuf hingammada. Haga anin Waaqaa kadhachuu Yerusaalem dhaqee, guyyaa kudhanii lammaa hincaalu, atuu yo biyya gaafatte hindhageeta. Yihudiin anaa mana waldeennaa, Mana Waaqaatii fi dira keessaalleetti nama tokkoleen wa mormu yokaan anaa biyya walti baasuullee hingarre. Waan na himatan kana tokkoollee dhugaa itti hinqaban. Ammoo waan tokko si duraatti fudhadha; anin Waaqaa ababoota teennaa karaa warrii, ‘Dhara’ jedhuun sun gula kadhadha. Anin waan seera Muuseetii fi kitaaba raagootaa keessatti barreessan cufa indhugeeffadha. Akka nama hamaa fi dansaallee cufa du'a keessa kaasan, akkuma warrii Waaqaa abdatuu, anilleen abdadha. Tanaaf anin guyyaa cufa Waaqaa fi nama duraalleetti akka wallaala malee deemuu fi dhowwa.” “Ganna hedduu Yerusaalem irraa taa'ee jennaan gosa tiyyaa horii kennuuf, sooriyoo Waaqaa baasuu dhufe. Yihudiin lafa Asiyaa keessaa dhufte tokko anaa aadaa qulqullummaa hobbaafadhe Mana Waaqaa keessatti na argite malee, goohantiilleen hinjirtu. Yo sun ammoo Yihudiin lafa Asiyaa tokko achi jirti, warrii yo waan na himatuuf qabaatee si dura ejjaajjee na himachuu male. Yokaan gaafa gumii koraa dura ejjee dubbadhe, wallaalii narraatti argan yo jiraatee, warrii amma asi jiru kuniiyyuu ha himuutii. Yokaan dubbiin tokkottin anin warra duraatti olka'ee qoonqoo olfudhadhee, ‘Wantii naqoraniif marroo anin ka'iisa nama du'ee dhugeeffadhuuf’ jedhe, sun wallaala natti taatii?” jedhe. Jennaan Feelikos, ka waan Karaa kanaa akka dansaa beekuu, “Yo guddaan warra waraanaa ka Liisiiyaas jedhan dhufee, dubbii teessan kora baasee anin in laala” jedhe. Jennaan nama guddaa waraanaa tokko ka Phaawulos eeguunii, “Akka dansaa eegii ammoo hinhidhin, akka jaallaan isaa waan innii fedhu kennituufiillee hindhowwin!” jedhe. Bultii diqqoo tokkoon duubaatti Feeliks, niitii ufii Drusilaa ta gosa Yihudii waliin dhufee, Phaawulos yaamee, “Waan dhugeeffachaa Yesus Kiristootti dhugeeffatanii natti himi” jedhee, isa caqase. Adoo Phaawulos taa'ee waan qajeelummaa, ka obsaatii fi ka murtii hegerii dhuftuu dubbatuu, Feeliks sodaatee, “Amma been, yo isiin naa fuute si yaamaa” jedheen. Innii waan Phaawulos beessee isaa kennu sehee, tanaaf marroo hedduu isa yaamee haasa'een. Ganna lamaan duubaatti Phorkii'os Fesxoos hujii Feeliks irraa fuudhe. Duuba Feeliks akka Yihudii gammachiisu Phaawulos hidhaansa keessatti lakkise. Fisxoos eegii guyyaa sadii lafa sun keessa taa'ee, Qiisaariyaa ka'ee Yerusaalem dhaqe. Qaallolee gugurdoo fi Yihudiin akka Fesxoos warra qarqaaruuf isaatti dhi'aattee waan Phaawulos itti haasooftee, “Wal mari'aattee isa ijjeessuuf karaa irratti dhokattee, Phaawulos Yerusaalemitti nuu ergi!” jettee isa kadhatte. Fesxoos ammoo deebisee, “Phaawulos Qiisaariyaa keessatti hidhanii eeguu jiran, anilleen dhiyoottuu achi dhaqa. Isan yo dandeettan, yo innii hammeenna tolche; akka nama kana himattan, na waliin koottaa” jedhe. Jennaan Fesxoos guyyaa saddeet yokaan kudhan warra waliin bulee Qiisaariyaatti gadbu'ee, boriyyaa barcumaa abbaa qorsummaa irra taa'ee “Phaawulos yaamaa” jedhe. Akkuma Phaawulos dhufeen, Yihudiin Yerusaalemii dhuftee isa bira ejjaajjitee waan jabduu hedduun Phaawulos himattee, ammoo waan tokkoollee ka dhugaa fakaataa dhaban. Phaawulos ammoo, “Anin seera warra Yihudii irratti, Mana Waaqatii fi hayyuu Roomaa irraalleetti waan walaalaa tokkoollee hin hojjanne” jedhee falmate. Fesxoos ammoo Yihudii gammachiisuu fedhee Phaawulosiin, “Akka Yerusaalemiitti ol baatee achiitti ani dubbii tantee qoru feetaa?” jedhe. Phaawulos ammoo, “Ammumaayyuu anin barcumaa murtii ka hayyuu Roomaa dura ejjuu jira, fulaan tun fulaa itti na qoruu malan. Akkuma atuu beettuu anin Yihudii duraa homaa hin yakkine. Anin yo wallaala qabaadhee yokaan yo waan du'uu maleef tolchee, du'a hindidu. Ammoo yo wantii na himataniif kunin hinjirree, namii tokkoolleen danda'ee harka warraatti na hinkennu. Anin hayyuu Roomaa inkadhadhaa” jedhe. Fesxoosis warra kora isa waliin taa'uun mari'aatee jennaan, “ ‘Atin ya dubbii tiyya hayyuu Roomaatiin naa gaha’ jettee, fulaa isaa inuma deemta” jedhaniin. Adoo haguu hin turin Agriiphaa hayyichaa fi Berniiqeen obboleetiin isaa, Fesxoos nagaa fuudhuuf Qiisaariyaa dhufan. Eegii warrii guyyaa hedduu ach taa'e, Fesxoos waan Phaawulos Agriiphaa hayyiachaatti haasa'ee, “Namicha tokkotti ka Feeliks hidhaansa keessatti lakkise arma jira. Gaafa anin Yerusaalem jiruu, qaallolee gugurdoo fi jaarroleen Yihudii akka isa himattee wallaala itti muran waan isaa na gaafatte. Anin ammoo deebiseefii, ‘Akkii adoo nama himatanii fi warrii isa himatu walti dhufee, innii waan himatan sun hinfalmatin dabarsanii kennuun aadaa warra Roomaatiin’ jedhe. Warrii arma waliin dhumnaan, anin diqqumaallee hinturee, boriyyaa barcumaa murtii irra taa'ee, nama sun nattiin koottaa” jedhee ajaje. Warrii isa himatu ammoo dubbachuuf ol ejaajjinaan, akka anin qara sehe waan hamtuu homaa isa hinhimanne. Wantii warrii walmormu waan dhugeeffachaa warraatii fi waan namicha Yesus jedhanii ka du'e tokko ka Phaawulos ammoo, “Innii injira” jedhuu. Anin marroo dubbii akkanaa tana hinbeeneef, akka Phaawulos Yerusaalem dhaqee, achiitti murtii dubbii tanaa argachuu fedhu isa gaafadhe. Phaawulos ammoo, “Anin kora hayyuu Roomaa eegadha” jedhee gaafanaan anin, “Haga hayyuu Roomaatii isa erguutti isa inqorqoradha” jedheen. Jennaan Agriiphan Fesxoosiin, “Anin silaa ufiifuu dubbii nama kanaa dhaga'uu fedha” jedhe; Fesxoos ammoo deebisee, “Bor isa irraa indhageetta” jedheen. Boriyyaa Agriiphaa fi Berniiqeen wayaa hayyumaa naqatanii ulfinna guddaan ajjajaa warraanaatii fi jara gugurdaa dira sunii waliin fulaa dubbii itti qoran olduudanii jennaan, Fesxoos nama ergee, “Phaawulos yaamaa gadiin koottaa!” jedhe. Fesxoos, “Hayyuu Agriiphaa fi warra ardha arma nu waliin jirtan cufa, isan nama kana ka gumiin Yihudii cuftii Yerusaalemii fi armaallee natti dhuftee, ‘Innii jiraachuu hinmalle’ jettee iyyite ingartan. Anin ammoo waan innii du'uu maleef tokkoollee hinargine, ammallee marroo innii akka gara hayyuu Roomaa dhaqu kadhateefii, anin ya akka isa ergu buufadhe. Anin ammoo waan gara hayyuu guddaa barreessu hinqabu; tanaaf anin fuula keessan duraan, keessumatti ee Agriiphaa hayyichaa fuula kee duraan isa dhufe; akka eegii nu silaa isa qorree, anin waan barreessu argadhu. Akki nama hidhaansa keessa jiru tokko adoo waan himataniif hinbeessisin gara hayyuu ergan fulaaniti” jedhe. Agriiphaan Phaawulosiin, “Atin ufii dubbachuu indandeetta” jennaaniin, Phaawulos harka diriirfatee, “Ee hayyuu Agriiphaa, anin ardha waan fuula kankee duraatti, waan Yihudiin na himattu cufaa falimadhuufii, akka kaayootti herregadha; Keessumatti waan atin aadaa fi gaafii Yihudii cufaa guddoo beetuuf. Tanaaf anin akka atin obsitee na caqaftu si kadhadha.” “Ijoolumaa tiyyaa, jalaqabee gosa tiyya keessatti, Yerusaalemiilee keessatti, akkami akka anin taa'ee, Yihudiin cuftii inbeetti. Warrii durumaa na beekaa, akka anin aadaa teenna jabduu Fariisotaa gula deemee, yo fedhe danda'ee indhugeessa. Anin marroo kakuu Waaqii ababoota teennaatti kakate abdadhuuf, amma akka dubbii tiyya qoraniif arma ejja. Kakuu sun gochitii teenna kudhanii lamaanuu, akka adoo halkanii guyyaa Waaqaa kadhattanuu argatan abdatti. Mar. roo abdii tanaatiif, ee hayyicha, Yihudiin na himatte. Isii isaniin Yihudii tokkoolleen akka Waaqii nama du'e kaasu maaf hindhugeefanne?” “Aniiyyuu herrega kiyya keessa, akka maqaa Yesus Naazireet balleessu guddoo wal haaneen. Sunin waan anin Yerusaalem keessatti tolche. Jabeenna Qaallicha guddaa irra argannaan, warra Waaqaa hedduu mana hidhaatti naqe; yo du'a itti muraniillee anileen warra isatti mure sun waliin jira. Mar. roo hedduu manneen waldeennaa cufa keessatti warra gaargalchee karaa mataa itti muree dhugeeffachaa warraa warra mormachiise. Anin guddoo warraatti dallanee dira lafa cufaa dhaqee, warra hadhee gaargalche.” “Tanaaf adoo anin ergaa qaallolee gugurdoo harkaatti qabadhee Damaasqoo deemuu, Saatii ja'a ta guyyaa, ee hayyicha, anin ibsee gubbaa natti ibsituu, ka aduu irra ibsituu, karaa keessatti arge, ka naa fi jara na waliin yaa'utti ibsitu. Nuun cuftii lafa dhodhoomanaan anin qoonqoo tokko ta afaan Ibraayisxiitiin, ‘Saa'ol Saa'ol, maaf haatee na gaargalchita? Atin ka akka qotiyoo ulee nama oofu dhiittuu, teettee, dhugaa dhiittu ufumaa ufi balleesita’ naan jettu dhagaye. Jennaan anin, ‘Aabboo, atin eennuu kanaa?’ jedhee gaafadhe; Aabboon deebisee, ‘Anin Yesus ka atin gaargalchuu jirtu. Amma ammoo ka'ii, miila keetiin ol ejji! Wantii anin sitti mulladheef akka hojjattuu naa taatee waan argite kanaa fi ta anin hegerii sitti himuun na dhugeesitu. Anin harka gosa Israa'eltii fi harka gosa dhibii, ta anin ammatana itti si erguulee, keessaa si baasa. Atin ila warraa banteetti, dukkana irraa gara ibsee warra deebifta, ammallee jabeenna Sheexanaa irraa Waaqaatti warra deebifta; akka dhugeeffachaa warrii na dhugeeffateen cubbuu warraa araaramaniifii, gumii Waaqii foohate keessatti fulaa argatani’ ” naan jedhe. “Tanaaf, ee hayyuu Agriphaa, anin daayyaa gubbaa sun caqasuu hindinne. Qaraa warra Damaasqoo, barsiisee itti aansee warra Yerusaalem barsiisee, duuba eegee nama lafa Yihudaa cufaa ka afe ka gosa dhibiilee cufaa barsiisee akka warrii cubbuu lakkisee Waaqaatti deebi'ee hujii cubbuu irraa deebiti garsiisu. Mar. roo waan kanaatiif Yihudiin Mana Waaqaa keessatti na qabdee na ijjeesuu feete. Qarqaarsa Waaqaa argannaan anin ardha nama diqaa fi guddaa duraalleetti dhugeessuu jira. Waan raagotaa fi Muuseen, intaati jedhan malee, anin waan dhibii hindhugeessu, Akka Kiristoon gaargalee nama qaraa ka du'a keessaa ka'u ta'ee, ibsee isaa warra israa'elitii fi warra gosa dhibii ka hindhugeeffatinilleetti odeessu” jedhe. Adoo innii dubbatuu, Fesxoos qoonqoo olfudhatee, “Phaawulos, atin ya maraatte; waan atin guddoo wa baratteef qalbiin tantee ya hammaatte” jedheen. Phaawulos ammoo deebisee, “Anin hinmaraanne, ee Fesxoos guddaa! Anin dubbii dhugaa calaa dubbachuu jira. Agriiphaa hayyichii waan kana inbeeka, anin isa duraatti sodaa malee dubbachuu jira. Anin waan kana fulaa dhossaatti hintolchinee, akka wantii kunin tokkooleen isa duraa hinda'anne inbeeka. Hayyuu Agriphaa, atin raagotaatti dhugeeffattaa? Anin akka atin dhugeeffatte inbeeka” jedheen. Jennaan Agriphaan Phaawulosiin, “Atin haga diqqaa kanaatti Kiristaana na tolchitu feetaa?” jedhe. Phaawulos deebiseefii, “Yo'ii Dheerattee gababannaaniilee, akka adoo si callaa hinta'in, warrii ardha na caqasuu jiru kun cuftii hidhansaa akka anin hidhamee malee, akka kiyya ta'uu Waaqaa kadhadha” jedheen. Jennaan hayyuu, jaallaba, Berniiqee fi warrii isaan waliin jiru cuftii olkakka'e. Eegii achii kakka'anii yaa'an, “Namichii kunin waan du'a fi hidhaansaan itti muran tokkoollee hinhojjanne” jedhan. Jennnaan Agriiphaan Fesxoosiin, “Namicha kana adoo innii hayyuu Roomaa kadhachuu dhibaatee, silaa gadi lakkisan” jedhe. Nu akka lafa Ixaaliyaa hoboloon yaanu buufannaan, warrii Phaawuloosii fi nama hidhaansa keessa jiru dhibiilee harka namicha guddaa warra waraanaa tokko ka Yulii'os jedhaniitti kenne; Yulii'os gumii warra waraana Roomaa ta “Waraana hayyuu” jedhan keessatti guddinna qaba. Nu hoboloo dira Adraamiixosii gara lafa Asiyaa deemuu kurfeeffatte tokko duunnee itti dhaabanne. Namichii Arisxaarkos jedhan ka gosa Maqedooniyaa, ka lafa Tasaloniiqeetti dhufe tokkoleen nu waliin jira. Boriyyaa Sidoonitti galle; Yulii'os Phaawulos qarqaaree, akka innii gara jaallaan isaa dhaqee waan fedhu barbaadatu “Ee'e” jedheen. Lafa sunii kaanaan waan bubbeen nu dhoorteef lafa Qophroos ta jidduu bisaanii jala yaane. Nu Eegii baariin dhaattuu Qiliiqiyaa fi Phamfiliyaa dabarree, dira Liiqiiyaa tokko ka Miiraa jedhan dhumne. Achiitti guddaan warra waraanaa hoboloo tokko ta Iskindriiyaa, ta lafa Ixaaliyaa deemtu argee nu yaabachiise. Haga guyyaa hedduu laanumaa yaanee gaargalaan Kiniidos diqqumaa hanqanne. Waan bubbeen nu dhoorteef Salmoone dhaattuu dabarree, fulaa bubbeen hinjirre jala banne. Duuba adoo qota galaanaa irraa hinfagaatin, gaargala guddaan lafa sun dhaattuu yayaanee, fulaa tokko ta dira Lase'aa dhaattuu, “Boqota dansaa” jedhan dhumne. Armaatti guddoo turree, yaasumii jajabaatee, guyyaan afaan hidhatan nu dabre. Jennaan Phaawulos warra gorsee, “Dhiiro, anin himaltuu tana keessa akka nu gaargalaa fi dhiphuu guddoo argannu arga; hoboloo fi mi'a callaanitii, ammoo lubbuu teennaalee insodaadha” jedhe. Ammoo guddaan warra waraanaa waan Phaawulos jedheen dideetti, waan guddaa hobolootii fi abbaan hoboloo jedheen gula deeme. Mar. roo fulaan dansaan boqotan hinjirreef, namii hedduun achii yaa'u fedhe, akka yo dandaan Finiiqee dhaqabanii, haga caamsaa achi taan. Finiiiqeen lafa Qareexis keessa jirti, ta gama ila galchuu moggaa bitaatii fi moggaa mirgaalee laaltu. Waan bubbee hamtuu Bubbeen laanumaa gama bitaa bubbiftee jennaan, waan yaa'u dandaan se'ani; duuba hoboloo isaanii hiikanii dhaattuu lafa Qareexisiin galaana irra yaan. Ammoo adoo haguu hinturin bubbeen jabduun takka ta, “Bubee mirgaa ila boruuti bubbiftu” jedhan, moggaa lafa godduti bubbifte. Bubbeen hoboloo dhooftee, fudhatee jennaan, waan hoboloo qabuu dadhamneef, nulleen itt gad lakkimne. Lafa diqqoo Kaawudaa jedhan takka, ta jidduu galaanaa jirtuun rophannee, gaargala guddaan hoboloo teenna ta irra diqoo ta markabaa guddaatti hidhamte hirksaa baanee, achiitti diqqoo goomittaa arganne. Hoboloo sun ol harkisanii hoboloo irra kaa'anii, akka bubbeen gargarii hinbaamne haada jala baasanii jabeessanii hoboloon walitti hidhan. Waan gara lafa Libiiyaa keessa lixan se'anii sodaatanii, wayaa hoboloon deemsisan hiikanii akkanumaatti lakkisan. Mar. roo dhawaan qillensaa jabduun ittuma idaamaa dhuftee nu dhowiteef, boriyaa ulfinna hoboloo irraa jissanii sablisan. Guyyaa sadeessoo harkuma ufitiin mi'a hoboloo cufa galaanaatti gadi gaggatan. Adoo aduu fi urjii hinargin guyyaa hedduu turree, bubbeen akka hamaa nutti bubbiftee, abdii baanuun dhamne. Eegii warrii adoo sagalee hin nyaatin guddoo turee, Phaawulos jidduu warraa keessa ejjee, “Dhiiroo, isan qaraa na caqasuu maltanii, Qareexiisee ba'uu hinmalle; akka gaargala kana argannee horii kana cufa hinballeessine. Amma ammoo, garaa jabaadhaa! Hoboloo malee isan keessaa namii tokkoolleen hinbaduu” jedheen. Eda ergamaan Waaqaa kiyyaa, ka anin kadhadhuu, na bira ejjee “Phaawulos, hinsodaatin! Atin Qiisaar dura ejjachuu malte; ammallee laali, Waaqii warra si waliin yaa'u kana cufaa ya sii jedhee baassee” naan jedhe. Tanaaf dhiiroo garaa jabaadhaa! Akka wantii natti himan kunin taatu, anin ya Waaqaa dhugeeffadhee. Taatuulee lafa jidduu galaanaa keessa jirtu tokko keessatti nu harcaasuu malan. Bultii kudhanii affireessoo, adoo nu galaana Adriiyaa keessa fuluma cufaa yayaanuu, saatti ja'a ta halkaanii, jarii hoboloo geessu waan lafa tokkotti dhi'aatan sehe. Haada bisaan keessa buusanii, akka herregan, gad fageennii bisaan haga dhundhuma saddeetamaa ta'uu argan. Diqqoo deemanii, itti deebinaan ammallee haada keessa gad buusanii, akka gad fageennii dhundhumaan haga jaatamaa ta'uu argan. Warrii waan nu dhakaa dhoomnu sehee, sibiila afurii gama dudda duubaatiin hoboloo keessaa galaanaatti gad dadarbatee, akka laftii bariitu kadhate. Jarii hoboloo geessu hoboloo keessaa baqachuu fedhee, nama sobee hoboloo irra tataa'ee diqqoo galaana keessa buussee, waan sibiila lafaan qabatee buussuu fedhe ufi tolche. Jennaan Phaawulos guddaa warra waraanaatii fi warra waraanaalleen, “Yo warrii kunin hoboloo keessa tataa'ee malee, isan ba'uu hindandeettan” jedhe. Jennaan warrii waraanaa haada hoboloo irra diqqoo sun kutee, akka hoboloon galaana keessa buutu gad lakkise. Adoo Laftii hinbarin akka warrii sagalee nyaatu Phaawulos warra sun cufaa gorsee, “Isan haga sagalee afaaniin hinqabinii ardha guyyaa kudhanii afureessoo. Tanaaf anin isan kadhadhaa, sagalee nyaadhaa; wantii kunin irree isanii taati. Rifeensii mataa keessanii tokkoolleen hinbaduu” jedhe. Phaawulos eegii akkaana jedhee, qixxaa fuudhee, warra cufaa duraatti galata Waaqaa galchee, qixxaallee cabsatee nyaate. Jennaan warrii cuftii garaa jabaatee sagalee nyaate. Nu namii hoboloo sun keessa jiru nama haga dhibba lamaa fi torbaatamii ja'aati. Namii cuftii nyaatee quumnaan akka hoboloo sablisan dargaayyee gara galaanaatti gad jissan. Laftii bariinaan warrii lafa beekuu dadhabee, ammoo fulaa takka ta silaa fulaa dansaa hoboloo dhaban fakkaattu argee, hoboloo arti dhaabuu fedhe. Eegii sibiila hoboloo lafatiin dhaaban kutanii gatanii, baa riitti ufi gad lakkisanii, haada muka hoboloo oofuun qajeelchan hiikan. Jennaan wayaa hoboloon deemsisan ta fuula duraa olbaassan, akka lafa godduu dhaqaban itti gallakisan. Mar. kabii ammoo maansa seenee mataan isaa maansa keessa lixee chocho'uu dadhabee, dudda duuba isaa dhawaan jabduun dhooftee gargarii caccabsite. Warrii hindhaansa keessa jiru tokkoolleen bisaan daakee akka hinbaqanee, warrii waraanaa nama cufaa fixu fedhe. Guddaan warra waraanaa ammoo marroo Phaawulos baassuu fedheefii warra dhowwe. Innii qaraa warra bisaan daakuu beekuun, “Hoboloo keessaa jigaa lafa goddutti ba'a” jedhe, Warrii hinbeennee ammoo ha saanqaa fi cacaba hobolootti qancoorfatu, jedhe. Akkanaan namii cuftii nagayumaan lafa ga'e. Nu eegii nagaan bisaan keessaa baanee, akka maqaan lafa bisaan keessaa sun Malaaxiyaa dhageenne. Warrii lafa sunii guddoo nuu na'ee, waan bokka'ii roobee laftii dhaamottuuf, nu qarqaaree ibidda nuu bobeesse. Phaawulos qoraan guuree ibidaatti naqee jennaan, boofi tokko adoo qoraan keessaa oowa ibidaa baqatuu, harka Phaawulosiitti mamarate. Warrii lafaa ammoo bofa kaan, ka harka Phaawulosiitti rarra'u arginaan, “Namichii kunin nama ijjeessuu hindhabu; adoo nagaan bisaan keessaa ba'eellee, dhugaan akka innii jiraatu hinfeetu” waliin jedhe. Phaawulos ammoo boofa kaan ibidaatti fixate; homaallee hintaane. Warrii waan harkii isaa iita'ee yokaan innii yoma tokkoon lafa dha'ee du'u sehee, guddoo eegee, ammoo akka innii homaa hinta'in arginaan herregii jijjiiratanii, “Innii Waaqa” jedhan. Namichii guddaa lafaa ka Phophlii'os jedhan tokko dhaattuu sunii, oobruu qabaa; innii mana ufiitti nu yaamee, haga guyyaa sadii nu keessummoomise. Abbaan Phophlii'os fayyaa dhabee qandhatee dhiiga alba'e. Phaawulos mana innii ciisu olseenee Waaqaa kadhateefii, harka isa irra kaa'ee isa fayyise. Wantii kunin taanaan, namii fayyadhaba qabu, ka lafa sun keessa jiru cuftii dhufee, Phaawulos isaan fayyise. Warrii guddoo nu ulfeesse, guyyaa nu kaaneellee waan nu feenu cufaa nuu kenne. Ji'a sadiin duuba nu hoboloo Iskindriiyaa takka ta haga bara dhaamochaa lafa sun keessa teeteen kaanee yaane; maqaan isii Waaqoota lakkollee jedhan. Nu dira Seraakusiitti gallee, guyyaa sadii achi teenne. Achii kaanee dira Reegiyos dhumne. Boriyaa qilleensii gama bitaatii qilleensa'uu jalqamnaan, guyyaa lammeessootti dira Photiyoli jedhan dhumne. Achiitti obboleeyyan dhugeeffatte tokko arginee, akka nu torbaan tokko isaan bira teennu nu yaaman. Duuba achii kaanee dira Roomaa dhumne. Obbooleeyyan dhugeeffatte ta dira Roomaa waan kana dhageennaan achii haga gabayaa Aphiyosittti, mana sadii ka ka keessummaa jedhan, yooyyoo teennaa dhufte. Phaawulos warra arginaan Waaqaa galateeffatee garaa jabaate. Eegii nu dira Roomaa duune, Phaawulos akka ufumaan mana ufii keessa taa'ee, ammoo namii waraanaa isa eeguu, gadhiisan. Guyyaa sadiin duuba Phaawulos jara gugurdaa Yihudii koraa walti yaame. Warrii walwaldeennaan Phaawulos, “Obbooleeyyan tiyya, adoo anin waan biyyaa yokaan aadaa abaaboota teennaa tokkoollee hin yakkin, hidhanii, Yerusaalem keessattii na hidhanii harka gosa Roomaatti na kennan. Warrii Roomaa dubbii tiyya qoree, balleessaa du'a nattiin muru tokkoollee narraa dhamnaan na gadi dhiissuu fedhe. Warrii Yihudii ammoo waan kana diddee jennaan ani waan ta'u dhabee, ‘Qiisaariyaa dura na geessaa’ jedhe. Taatuullee anin waan gosa tiyya himadhuuf hinqabu. Waan kanaaf anin isan yaamee, isaniin walhaassa; anin marroo nama gochitii Israa'el cuftii abdattuutiif jedheetti sibiila kanaan hidhame” jedhee warraatti dubbate. Warrii innii itti dubbate sun ammoo, “Waan dubbii teetii nu ergaa lafa Yihudaa keessa hinarganne, ammallee obboleeyyan achii arma dhufteelleen waan hamtuu teetii homaa hindubbanne. Ammoo waan atin herredduu dhaga'uu infeena; waan fulaa cufaatti aadaa atin gula deemttu tana namii cuftii hameenna isii dubbattuf” jedheen. Guyyaa tolfatanii sun, namii hedduun fulaa Phaawulos taa'u dhufe. Innii diiramaa haga galgalaa achitti warra barsiisee waan Mootummaa Waaqaa warraa diigee, waan Yesus ka kitaaba Seera Muuseetii fi ka raagootaa keessatti barreessaniillee warra agarsiise. Namii garii waan innii dubbate dhugeeffatee, ka garii ammoo dhugeeffachuu dide. Adoo warrii waldhabee achii hinka'in, Phaawulos dubbii takkaa tana dubbatee, “Hafuurii Qulqulloon afaan raaga Isaayastiin abaaboota teennaatti, ‘Gara gumii tanaa dhaqii, gurraan indhageettan, ammoo hinhubattan; ilaan hinuma gartan, ammoo hin midhaaffattan. Garaan gumii tanaa ya daalla'e. Gurrii warraa ya duude, iltii warraa homaa hingartu. Yo silaa akkas hinta'in, ilti warraa wa agartee, gurrii warraa wa dhagayee, qalbiin warraa wa hubatee warriilleen natti deebi'ee, anileen warra fayyisa’ jedhee duubbii dhugaa dubbate. Tanaaf isan beekadhaa, baafamii Waaqaa gara gosa dhibii layyuu dhufee, ammallee warrii incaqasa!” jedhe. Phaawulos waan kana jennaan, Yihudiin kaatee yaatee guddoo walmormite. Phaawulos haga ganna lamaa mana ufumaa kiraa itti baasee keessa taa'ee, nama gara isaa dhufe cufaa keessummoomise. Garaa jabeennaan, adoo namii tokkoolleen isa hindhowin, waan Mootummaa Waaqaa haasa'ee, waan Aabboo Yesus Kiristoollee barsiise. Maqaan kiyya Phaawulos, ani hojjataa Kiristoo Yesusitii fi ergamaa Waaqiii foohatee, akka Oduu isaa Dansaa himu yaame. Oduun Dansaa tun ta Waaqiii durii afaan raagootatiin kakate barreessii qulqulloo keessaatti barreessan. Isiin waan Ilma isaa Aabboo keenna Yesus Kiristoo himti; innii dhaloota nafaatiin ilma Daawit, ammo gara Hafuura Qulqulloo gula waan du'aa keessaa isa kaasaniif, akka innii Ilma Waaqaa jabeennaan nama agarsiisan. Mar. roo maqaa isaatiif Waaqiii akka gosa lafaa cufaa dhugeeffachiisee fudhachiisu, na foohatee ergamaa Kiristoo na tolche. Isan warrii Roomaalleen warra Waaqiii akka nama Yesus Kiristoo ta'an yaame sun keessa jirtan. Tanaaf anin gara gumii Roomaa keessa jirtuu ta Waaqii jaalatee nama ufii tolfateetti cufaan: “Waaqaa Abbaa keennaatii fi Aabboo Yesus Kiristoon eebbaa fi nagaya isanii kennina!” jedhee nagayaa kiyya isanii dhaama. Qaraa fiixee, waan dhugeeffachaan teessan lafa cufaa irraatti beekamteef, anin marroo isanii cufaatii, jedhee, Waaqaa kiyyaa, maqaa Yesus Kiristootiin galata galcha. Waaqiii anin irree tiyya cufaan hojjadhee oduu dansaa Ilma isaa odeesseetti naa dhugaa. Innii akka anin yo kadhadhu cufaa isan qaabadhu inbeeka. Akka fedhii isaa gula innii na dandeesisee, anin amma gara keessan dhufuu anin Waaqaa kadhadha. Wantii akkanaatiif anin guddoo isan arguu fedha, akka kennaa hafuuraa ka isan jabeessu isanii kennu. Wantii anin jedhuu, naa fi isaniilleen walqarqaarra; dhugeeffachaan tiyya isan qarqaarti, teessaniilleen na qarqaarti. Obboleeyyan tiyya, waan kana qaabachuu maltan, anin marroo hedduu imaltuu gara keessan dhufuu fedhe; ammoo yo cufaa wayiiti na dhowe. Anin akkuma gosa hindhugeeffatin dhibiillee keessaatti tolchee, jidduu tessaniillee keessaalleetti nama dhugeeffachiisuu fedhe. Namii cuftii gati narraa qabaa, warrii Giriikiitii fi ka Giriikii hinta'iniilleen, warrii wa beekuu fi ka homaa hinbeenneelleen. Tanaaf anin isan warra Roomaallee oduu dansaa guddoo itti haasa'uu fedha. Anin oduu dansaa irraa hinceeru; wantii akkanaatiif jabeenna Waaqaatiin qaraa fiixee Yihudii eegii sunii gosa dhibii ta dhugeeffate cufaa baasan. Wantii akkanaatiif karaa oduu dansaa gulaan Waaqiii qulqullumaa nama keenna; karaan sun dhugeeffacha callaa. Akkuma barreessiin jetuu “Namii Waaqiii marroo dhugeeffachaatiif dhugaa herreguuf injiraata” Dallansuun Waaqaa ya gubbaa irraa mullattee, daba warra hamamaa cufaa fi cubbuu warrii hamaamaan hojjatee dhugaan mullachuu dhowwu cufaa irra buute. Waan Waaqiii cufaa warra garsiiseef, waan Waaqaa ka namii beekuu danda'uu cufaa warrii inbeeka. Haga Waaqiii lafa uumee jabeenna isaa ka jiruu jireenaatii fi waaqoomii isaalleen, adoo ilaan arguu baataniillee, waan innii tolche keessaa ya akka dansaa mullate. Warrii Waaqaa inbeeka, ammoo ulfinna isaa male kennuuf dide, yokaan galataallee isaa hingalchine; ammoo herregii warraa daalla'ee, mataan warraa ka qalbii hinqamne ya dukkanaa'e. Qalbii qamna ufiin jedhanii, ammoo daallee ta'an; fulaa silaa Waaqaa hindoone ulfeessan, waan harkaan bocan ka nama yokaan simphirree yokaan bineensaa fi waan lafa irra loohaa fakkeessan ulfeessan. Waan namii daallee akkana, ta'eef Waaqiii ya akka waan hamtuu garaan warraa dhara'eef tolchanii fi waan ceeraa ka warii wal tolchuutti lakkise. Dhugaa Waaqaa lakkisaniitti waan dharaa tolchan, Waaqaa ka waan cufaa uume lakkisaniitti, waan innii uume kadhatanii ulfeessan. Innii haga barabaraa ha guddifamuu! Ee'e jenne. Mar. roo waan namii tolchuutiif, Waaqiii ya waan hamtuu ka ceera warraatti lakkise. Nadheen ya aadaa ufii ta rifanoo lakiftee waan aadmalee taate. Dhiirtiilleen ya nadheen lakkiftee waliidharaate. Dhiirtii waan ceeraa waltolchitee, akkanaan gaargala argachuu maltee nafa ufii keessaa argatti. Mar. roo biyyitii waan dhugaa Waaqaa barachuu diddeef, innii ya qalbii hamtuutti warra lakkise, tanaaf waan tolchuu hin malin tolchan. Warrii ya hammeennaan, cubbuun, sabdoomaa fi amala hamaa cufaan guutame; amala hamaa kanaan guutaminnaan, walhinaafanii, wali ijjeessanii, walhadhanii, walsobanii, walhamatanii, dudda duubaan walnyaatanii, hameenna walii dubbatanii; Waaqaa jibbanii, kiyyibanii, ufi saadanii, ufi guddisanii, karaa hedduu hameennaan tolchan herreganii, warra ufiitii saaladhabanii, hameenna gula yaanii, kakuu ufii jabeessanii, nama dhibii naa'asuu yokaan qaabatoo dhaban. Warrii akka Waaqiii “Namii waan kana gula yaa'uu du'aa malee” jedhu inbeeka. Ammoo taatuullee waan kana tolchuu inlakkisan, ammallee nama waan kana tolchuullee itti quufan. Jaala kiyya, atin wallaala namaatti murtaa? Abbaa feete taanaaniillee, yo wallaal namaatti murtee, ammoo waan warrii tolchu tolchitee, araaramaa hinargatu; atin wallaala namaatti murteen ufiitti inmurta. Nu akka Waaqii yo warra waan akkanaa kana tolchu wallaala itti muru, innii dhugaa qabu inbeenna. Jaala kiyya! Ati yo warra wallaala tolchuutti murtee, ufii ammoo deebitee wallaaluma sun tolchituu, waan muraa Waaqaa jalaa baatu ufi seetaa? Hegerii arjooma, naasuufi obsa isaa tuffattaa? Arjooma Waaqaa akka innii daba irraa si deebisuu fedhu hinbeettuu? Ammoo garaan kankee jabaa hamaa. Tanaaf atin murtii tantee, ta gaafa dallansuu fi murtiin Waaqaa ta dhugaa mullattuullee, itti darachuu jirta. Waaqii nama cufaa hujii innii hojjate gula gatii kennaaf. Namii garii waan dansaa tolcheetti, guddinna, ulfinnaa fi jireenna hindhumanne barbaadata; nama akkanaa kana Waaqii jireenna bara baraa kennaaf. Namii garii ammoo ufoo, waan qajeelaa dideetti waan hamtuu gula yaa; warra akkanaa kana Waaqii dallanuu fi dheekkama garsiisa. Warra hameenna tolchu cufaa gaargalaa fi dhukkubsachaatti eegata, wantii kun qaraa fiixee Yihudii eegii sun ammoo gosa dhibiitti dhufti. Waaqii ammoo warra dhugaa tolchuu, guddinna, ulfinnaa fi nagayaa kenna, qara Yihudii, keennee eegii sun ammoo gosa dhibiillee keenna. Wantii akkanaatiif Waaqii nama wal hin caalchisu. Namii Yihuudii hinta'in ka seera hinqamne cuftii, seera malee daba tolchee bada. Nama adoo seera qabuu daba tolchuu cufaa, seeraan itti muran. Mar. roo seera dhaga'aniif Waaqaa duraatti dhugaa hin argatanii; ammoo marroo waan seerii fedhu tolchaniif dhugaa argatan. Gochitii dhibiin seera hinqabdu; ammoo yo fedhi ufitiin waan seerii fedhu tolchituu, adoo seera qabaachuu dhibaateellee warrumaatti seera ufii ta'a. Adabii warraa akka waan seerii fedhu garaa warraa keessaatti barreessan garsiisa. Qalbiin warraa akka wantii kunin dhugaa garsiifti, waan yo garii herregii warraa warra himatee yo garii warraa dubbatuuf. Akka oduu dansaa anin himu gula, wantii kunin guyyaa Waaqii, Yesus Kiristoon, waan garaa namaa keessaa jiru muru taati. Atin ammoo “Ani Yihudii” ufiin jetteetti, seera dhaabbattee, “Waaqaa beeka” jettee ufi guddifta; waan Waaqii sirraa fedhu inbeetta, ammallee akka qajeeluma foohatan, ya seera irraa baratte; atin akka nama ballaan deemtee, nama dukkana keessa jiruu ibsee taatu, ufi beeta. Ammallee akka gowwoota qajeelchitee nama wa hinbeenneellee barsiiftu inbeetta. Ammallee akka seera keessa hubachaa fi dhugaan jirtu inbeetta. Atin ka nama barsiiftu maaf ufi hinbarsiimne? Atin ka “Hin hatinaa!” jettee nama barsiiftu ufiifuu in hattaanii? Ati ka “Dhiiraa fi nadheen walbaratee gaarayyuu walhintolfatin!” jettuu ufiifuu intolchitaanii? Atin ka waaqoota dharaa ka harkaan bocan jibbituu, Manneen Waaqaa keessaa wa hattaa? Atin ka “Seera Waaqaa qaba” jettee ufi guddiftuu, seera isaa cabsiteetti Waaqaa ceersitaanii? Wantii akkanaatiif barreessanii “Mar. roo isan Yihudiitiif gochitii dhibiin maqaa Waaqaa arabsiti” jetti. Yo seera guute dhaqaanqabaan tantee wa sii baati; ammoo yo seera cabsitee dhaqaanqabaa qabachuun kee akka waan hinqabatiniitti herregamti. Yo gochitii dhibiin ta takka dhaqaanqabaa hinqabatin seera Waaqaa guutee, Waaqii akka nama dhaqaanqabaa qabatee warra hinherreguu? Duuba gochitii dhibiin ta adoo dhabaanqabaa hinqabatinuu waan seerii jedhu guutuu, isanii Yihudii murti, isan adoo seera barreefatanii, dhaqaanqabaa qabataniillee seera cabsitan. Laali Yihudiin dhugaa ta dhaqaanqabaa qabatee eennu; nama dhaqaanqabaa qabatee alaan Yihudii fakkaatunitii; ammoo Yihudiin dhugaa nama garaan isaa dhugumaan Yihudii ta'u, ka garaan isaa dhaqaanqabaa qabate, wantii kunin hujii hafuura Waaqati, hujii seera beerreesaniittiin. Namii akkanaa kunin Waaqaa irraa ulfinna argata malee nama irraa hinargatu. Yihudiin gosa dhibii irra jirti ree? Yokaan dhaqaanqabaan homaa namaa baatii? Karaa cufaan guddoo wa baati! Qaraa fiixee Waaqii dhaamsa ufii Yihudiiti dhaamate. Yo warrii garii hindhugeeffanne hoo? Dhugeeffachaa dhabuun isaan dhueeffatamuu Waaqaa hanqisaa ree? Hiyyoo, akkasiiniti! Yo namii cuftii dhara dubbateellee, Waaqii kama dhugaati. Akkuma barreessin, “Yo dubbattu akka ati dhugaa dubbattu arguu malan, yo si qoraan dhugaa argachuu malte” jettu. Yo dhartii nu tolchine dhugaa Waaqaa agarsiifte hoo, Maan jenna? Yo Waaqii nu gaargalchu innii nu hinqajeelchine jennaa? (Tana akka yaada namaa dubbachuutti jira.) Hiyyoo akkasiiniti. Waaqii yo waan dhugaa hintolchinee, akkamiin lafatti mura? Ammoo yo dhartii tiyya dhugaa Waaqaa guddiftee isi mulliftee, maaf nama dabaa naan jedhan ree? Yo akkasii, maaf “Koottaa, akka dhugaan mullattu hammeenna tolchinaa hinjenne” ree? Namii garii ya waan kana jedhee dubbii dharatiin na himate! Warra akkasii wallaali itti muran qajeela. Yoos, nuun warra Yihudii gosa dhibii irra goomnaa? Hiyyoo, akkasiiniti! Anin ya qara akka Yihudii fi gochitii dhibiilleen jabeenna dabaa jala jirtu agarsiise. Barreessin: “Namii dhugaa qabu tokkolleen hinjiru, namii hubachaa qabu hinjiru, namii Waaqaa barbaadu hinjiru. Namii cuftii ya karaa irraa gore, cuftii ya wallaale. Namii waan dansaa tolchu hinjiru, tokkolleen hinjiru. Lubbuun warraa akka awwaala qotanii jirti. Dhartii arraba warraa irraa baati, dubbiin hamtuun, ta akka hadhaa bofaa jirtu, afaan warraa keessaa baati. Afaan warraa ya dubbii hamtuun guutaman. Akka nama madeessan ijeesan kurfoo jiran. fulaa warrii ba'e cufaa badii fi gaargalatti jira. Karaa nagayaa inbeekan, yokaan Waaqaa sodaachuu hinbaranne.” Akka wantii seerii jedhu cuftii waan warra seera jala jiruun jedhanii, akka maltee nama cufaa dhowwanii lafa cufaa murtii Waaqaa duraan dhufan nu inbeenna. Namii tokkolleen marroo waan seerii fedhu tolchuuf qajeelaa hin ta'u; seerii akka namii daba tolchu callaa nama garsiisa. Amma ammoo dhugaan Waaqaa ya mullatte, seera irraa homaa hinqabdu. Seeraa fi raagootii karaa kana ya dhugeessan: Waaqii marroo Yesus Kiristoo dhugeeffataniif nama cufaa dhugaa herregaaf. Waaqii nama Kiristootti dhugeeffate cufaa waan kana intolcha waldabraan hinjirtu: namii cuuftii ya daba tolchee guddinna Waaqaa hanqate. Ammoo marroo tola eebba Waaqaatiif, karaa Kiristoo Yesus ka nama cufaa baasuun, ya dhugaa herreganiif. Waaqii ya isa sooriyyoo namaa tolche, akka marroo dhiiga isaatii fi daba namaa arraaraman. Araarama kana yo dhugeeffatan argatan. Wantii Waaqii Kiristoo sooriyyoo tolcheef, akka dhugaa ufii agarsiisu. Durii Waaqii obsee wallaala bira namaa dabre; amma ammoo innii dhugaa ufii garsiisa. Karaa kanaan Waaqii akka qajeelaa ta'e ufi garsiisee ammallee nama Yesus dhugeeffatu cufaa qajeelooma herregaaf. Wantii nu ufi guddimnuuf maan ree? Hinjirtu! Maaf akkana? Waan namii seera gula deemuufii? Hiyyoo, ammoo waan innii dhugeeffatuuf. Nu akka namii dhugeeffachaa callaan Waaqaa duraatti qajeelaa ta'u la gare, seera guutitiin homaa keessa hinjirtu. Waaqii ka Yihudii callaa? Gosa Yihudii hin ta'inii Waaqaa hinta'uu? Innii Waaqaa gosa cufaati. Waaqii tokko callaa; innii marroo dhugeeffachaa warraatiif warra dhaqaanqabaa qabate dhugaa herregaaf, akkuma sun warra dhaqaanqabaa hinqabatiniillee marroo dhugeeffachaa warraatiif dhugaa herregaaf. Nu dhugeeffachaan seera balleessinaa ree? Hiyyoo, hinballeessinuu! Seera injabeessinaa male. Waan abaaboo keenna Abrahaam ka nu dhalee maan jenna ree? Innii yo silaa waan tolcheef qajeelooma (dhugaa) Waaqaa irraa argatee waan ufi guddisuuf inqaba. Ammoo Waaqaa duraatti ufi guddisuu hindanda'u. Barreessin, “Abrahaam Waaqaa dhugeeffatee, marroo dhugeeffachaa isaatiif Waaqii ‘Nama dhugaa’ isaan jedhe” jette. Namii hujii hojjatu horii argata; horiin sun akka galataatti hin herregamuu, ammoo waan hojjate argate. Namii akka seerraa gula hin hojjanne ammoo yo akka Waaqaa irraa fagaate beekee, Waaqaa qajeelaa nama tolchuutti dhugeeffatee, dhugeeffachaan isaa qajeelummaatti in herregamtiif. Namii adoo waan seerii ajajuu hin hojjatin Waaqii qajeelummaa herreguuf, gammachuu akka qabuu Daawit la dubbatee: “Warrii cubbuu isaanii araaramaniifii wallaala isaanii biraa deemaniif ka eebbifame; warrii Waaqii cubbuu isaan itti hin herrenne ka eebbifame” jedhe. Gammadii Daawiti dubbate kunin ka warra dhaqanqaabaa qabate caalaa? Hiyyoo ka warra dhaqaanqabaa hinqabatiniillee. Wantii akkanatiif nu ya waan barreessin jettu himnee, “Abrahaam Waaqaa dhugeeffateetti, marroo dhugeeffachaa sunitiif Waaqii nama qajeelaa isaan” jedhe. Wantii kunin yoom taate? Eegii Abrahaam dhaqaanqabaa qabate moo, adoo innii hinqabatin? Egii innii qabateenii adoo innii hinqabatin. Innii egii sun dhaqaanqabaa qabate, dhaqaanqabaan suniin beesisa Waaqii adoo innii dhaqaanqabaa hinqabati marroo dhugeeffachaa isaatiif qajeelumaa herregeef agarsiifti. Tanaaf Abrahaam, Abbaa warra Waaqaa dhugeeffatee ka adoo dhaqaanqabaa qabachuu dhibaataniillee Waaqii qajeelummaa herregeefii cufa. Ammallee innii warra dhaqaanqabaa qabate cufaallee Aabbaa; waan warrii dhaqaanqabaa qabateefinitii, ammoo waan warrii faana dhugeeffachaa ta Abbaan keenna Abrahaam, adoo dhaqaanqabaa hinqabatin gula deeme gula yaa'eef. Waaqii Abrahaamii fi dhaloota isaatti kakatee, lafa cufa sii kenna jedheen, wantii kakuu tana kennaaniif waan Abrahaam seera jabeesseefiinitii, ammoo waan innii dhugeeffannaan Waaqii qajeelummaa isaa herregeef. Yo waan Waaqii kakate silaa warra seera jabeessee kennanii, dhugeeffachaan namaa homaa keessa hinjirtu, ammallee kakuun Waaqaa homaa hinbaatu. Seerii dallansuu Waaqaatiin dhufa; ammoo fulaa seerii hinjirre seera cabsiitilleen hinjirtu. Wantii kakuun dhugeeffachaa qabaachuu malteef, akka kakuun sun tola taatee, ilmaan Abrahaam cufaa geettu, ilmaan seera guutu callaanitii ammoo ta akka Abrahaam dhugeeffatee dhugeeffateelle. Wantii akkasiitiif Abrahaam abbaa nuu cufaati. Barreessiin, “Anin yaayyuu abbaa gosa hedduu si tolche” jettuu la barreeffamte. Tanaaf seerii sunin fuula Waaqaa duraatti dansaa, Waaqii Abrahaam dhugeeffate sun Waaqaa warra du'e jiraachisee waan durii hinjirre lafaan dhufu. Abrahaam gaaf durii abdiin hinjire dhugeeffatee abdate; tanaaf Abbaa gosa heedduu ta'e. Akkuma barreessin “Ilmaan tantee heeddu taati” jettu. Gaafas gannii isaa diqquma dhibba tokko hingahin ammoo taatuullee dhugeeffachaan isaa diqqoollee hinlaamne. Wantii akkasiitiif innii nafa isaa ka diqqumaa hindu'inii fi akka saraan masseena taateellee hinherrenne. Dhugeeffachaan isaa diqqumaallee hin laamne, inniilleen kakuu Waaqaa hindharreeffanne, ammoo dhugeeffachaan isaa jabeenna isaa kennitee, innii Waaqaa faarse. Innii akka Waaqii kakuu ufii guutu akka dansaa dhugeeffate. Tanaaf Waaqii dhugeeffachaa isaa akka qajeelummaatti herregeef. Jecha, “Waaqii qajeelummaa herregeef” jedhu kana isa callaa hinbarreesine. Ammoo marroo teennaallee ya barreessan, nuu Waaqaa Yesus Aabboo keennaa du'a keesaa kaase dhugeeffannuulle qajeelummaa herregan. Mar. roo cubbuu teennaatiif isa ijeessan, ammallee akka qajeelummaa nuu herreganiif isa kaassan. Tanaaf waan marroo dhugeeffachaatif qajeelummaa nuu herreganiif marroo Aabboo keenna Yesus kiristootiif nu amma Waaqaa waliin nagayaa qamna. Innii ya dhugeeffachaa teennaan, eebba Waaqaa, ta nu amma keessa jiru tanaan nuun dhufe; nu marroo abdii, akka guddinna Waaqaa qoodannu qamnuuf gammanna! Nu wan akka gargalii obsaan dhufuu beennuuf gaargala keenna keessaalleetti ingammanna; obsii amalaan dhufa, amalii abdiin dhufa. Waan Waaqii jaalala ufii Hafuura Qulqulloon garaa keenna keessa dambalaaseef, abdiin tunin nu hinceersitu; hafuurii qulqulloon sun qarqaarsa Waaqii nuu kenne. Gaafa durii nu qarqaarsa hinqamne, Kiristoon guyyaa Waaqiii foohatee, marroo warra cubbutiif jedhee du'e. Akkii namii marroo nama dhugaatiif jedhee du'uu waan guddoo dhibaati. Hegerii namii tokko marroo nama dansaatiif ufi baasee du'a. Waaqii ammoo ya jaalala ufii nu garsiisee, adoo nu cubbuu keessa jirruu Kiristoon nuu jedhee du'e! Waan marroo dhiiga isaatiif qajeelummaa nu herreganiif hagasi irra dallansuu Waaqaa duraa nu baasa. Nu durii nyaaphaa Waaqaati, ammoo innii ya du'a ilma ufitiin jaallaan nu tolfate. Amma nu jaallaan Waaqaatii, tanaaf jireennii Kiristoo hagasi irra nu baasa! Waan kana callaanitii, nu marroo Aabboo keenna Yesus Kiristootiif Waaqaa gula gammanna, ka amma jaallaan Waaqaa nu tolche. Cubbuun nama tokko gula lafa seente, ammallee cubbuun isaa sun du'a lafaan dhufte. Tanaaf marroo namii cuftii cubbameef, dooti nama cufaa geette. Atoo seeraallee hinbaasiin cubbuun lafa jirti, ammoo fulaa seerii hin jirreef cubbuu namaatti hinherregan. Ammoo haga Addaamiitii jalqabee haga Muusee dooti warra seera Waaqaa akka Addaam cabseef ka hincabsiiniillee cufuma moohate. Addaam fakkeenna nama hegerii dhufuuti. Ammoo warrii lamaan takkaaniti; wantii akkanaatiif tolii Waaqaa akka cubbuu Addaam hinjiru. Dhugumaa namii hedduun cubbuu nama tokkocha sunii gula raawwate. Ammoo eebbitii Waaqaa hagasi irra jirti, ammallee tolii Waaqii ka innii marroo ebbaa nama tokko, ka Yesus Kiristoo jedhaniif, nama hedduu kennuu, hagasii irra jira. Ammallee tola Waaqaatii fi cubbuun namaa wali hinfakkaatu. Eegii cubbuu tokko tolchan qorsumaan wallaala namaatti murtu dhufte; ammoo eegii cubbuu hedduu hojjatan, dubbii qoranii, wallaala hinqabdu jedhan. Dhugumaa cubbuun nama tokkoo gula dooti nama moohate, marroo nama sunitiif ammoo wantii namii tokko Yesus Kiristoon tolche hagasii irra jirti! Namii eebba Waaqaatii fi tola dhugaa isaa argatu cuftii jiraateetti marroo Yesus Kiristootiif lafa moohata. Tanaaf akkuma cubbuu nama tokkoo gula wallaala nama cufaatti muran, akkasuma hujiin dansaan tokko, ta namii tokko tolche, nama cufaa baaftee jireenna kennitiif. Akkuma namii hedduun marroo wallaala nama tokkotiif nama cubbuu tolchu ta'e, akkasuma namii hedduun waan namii tokko Waaqaa caqaseef dhugaa argata. Akka cubbuu heddeessaniif seeraan dhufan, ammoo fulaa cubbuun itti heddate eebbitii Waaqaalleen hagasi irra guddatte. Tanaaf akkuma cubbuun marroo du'aatiif nama moohate, akkasuma eebbitii Waaqaalleen marroo dhugaatiif nama moohattee, marroo Yesus Kiristoo Aabboo keennaatiif jireenna nuu kenniti. Maan jenna ree? akka eebbitii Waaqaa itti guddattu cubbuu keessa teennaa? hinyo, akkasiiniti! Nu warrii cubbuun dhumatee, akkam haga jirru cufaa cubbuu keessa teenna ree? Isaan akka nu warrii Kiristoo Yesusiitti idaamuuf cuuphamne, du'a isaalleetti idaamuuf cuuphamne, inbeettaniinitii? Cuuphama keennaan nu isa waliin doonee awwaalamne, akka akkuma guddinna Abbatiin Kiristoo du'a keessaa kaassan, nulleen jireenna haraan jiraannu. Nu yo du'a isaatiin isaan takkaa taanee, akkasuma du'aa ka'iisa isaalleen isaan takkaa taana. Nu akka finna keenna dullacha Kiristoo waliin fannoo gubbaatti fannisan, akka jabeenna nafa cubbuu balleessan, akka nu itti deebinee tisseellee cubbuu hintaane inbeenna. Wantii akkanaatiif nama eegii innii du'e jabeenna cubbuu jalaa baasan. Nu yo Kiristoo waliin doonee akka isa waliin jiraannu indhugeeffana. Akka Kiristoon du'a keessaa ka'ee, itti deebi'ee hindoone, akka dooti itti deebitee gara isaati jabeenna hinqamne nu inbeenna. Innii du'a tokkoo callaa marroo cubbuutiif du'e; jireenna isaa ka amma qabu ammoo Waaqaaf jiraata. Akkasumaa isaniilleen akka nama gara cubbuutiin du'ee ammoo karaa Kiristoo Yesusiitiin gara Waaqaatiin jiruu ufii herrega. Cubbuun itti deebitee akka isan dharraa nafa keessanii gula yaatanii isan hinmoo'atin! Yokaan mittaa nafa keessanii tokkollee cubbuutti hinlakkisinaa! Ammoo akka waan hamtuun hintolchine, Waaqaa ufi kenna, akka nama du'a keessaa jireennatti kaassan, ammallee mittaa nafa keessan cufa akka hujii dansaan tolchan baasa. Wantii akkanaatiif waan isan seera jalaanii ammoo eebba Waaqaa jala jirtaniif, cubbuun isan hinmoo'atu. Maan ree? Nu waan seera jala hinjirruu ammoo eebba Waaqaa jala jirruuf cubbuu tolchinaa? Hiyyoo, akkasiiniti. Isan yo, “Ee'ee” jettanii akka tissee nama caqaftanii, akka nama sunii tissee taatan hin beettanii? Dhugumaa isna tissee abba suniitii, yokaan tissee cubbuu ta du'aan dhuftu, yokaan tissee Waaqaa ajajamtu ta dhugaan dhuftu. Ammoo galatii Waaqaa hinbadiin! Isan durii tisseellee cubbuuti, amma ammoo garaa keessan cufaan barsiisa argattan cufaa ya guuttan. Cubbuu jalaa baattanii ya tisselee dhugaa taatan. Anin marroo laafinna nafa keessanitiif akkana dubbadha. Durii isan tisseellee xurittii fi ta waan hamtuu taataniitti hammeenna jabeesitan. Akkasuma ammallee akka qulqulloomtan tissee dhugaa ufi tolchuu maltan. Gaafa durii isan tisseelee cubbuutii, dhugaa irraa homaa hinqabdan. Tanaaf amma waan ceeraa ka tolchitan kana dansooma maan irraa argattan? Muummeen waan kanaa du'a! Ammoo amma isan ya cubbuu jalaa baatanii tisseelee Waaqaa taatan; marroo waan kanaatiif amma jireennii keessan cuftii qulqulloo, eegii tana jireenna hegerii in argattan. Wantii akkanaatiif gatiin cubbuu du'a; ammoo tolii Waaqaa jireenna hegeriiti, marroo Kiristoo Yesus Aabboo keennaatiif. Obboleeyyan tiyya isan waan anin jechuu fedhu inuma beettan, isaniin cuftii seeraallee inbeettan: seerii haga namii jiru callaa jira. Fakkeennaa jennee, seera gula, niitiin fuudhan haga dhiirsii jiru callaa ta isaati; ammoo yo innii du'e, isiin abbaa ufiiti. Yo isiin adoo dhiirsii isii jiru nama dhibii waliin bulitee, isiin waan hamtuu taate jedhan; ammoo yo dhiirsii du'e, isiin waan feetu taati, yo namii dhibiin fuudheellee isiin homaa hin yakkine. Obboleeyyan tiyya isaniilleen akkasuma. Isaniilleen gama seeratiin ya dootan, waan mittaa nafa Kiristoo taataniif; amma isan ka isaati, ka akka nu Waaqaa duraatti wa baanu du'a keessaa kaasan isa. Gaafa nu dharraa nafa keennaa gula yaanee, dharraan cubbuu ta seerii tutuqee kaateetti nu keessa hojatee du'aan dhufte. Amma ammoo seera jalaa hinjirru, marroo waan durii nu hidheen dooneef. Ituma deebinee seera barreessan ka durii jala hinteennu, ammoo karaa haraa hafuuraatiin teenna. Maan jenna ree? Seerii cubbicha jennaa? Hiyyoo, akkasiiniti. Ammoo seeraatti akka cubbun jirtu na barsiise jenna. Wantii akkanatiif adoo silaa seerii, “Homaa hindhara'iin” naan hinjedhiin, anin dharraayyuu waan hinbeeku. Cubbuun akka dharraa gosa cufaa na keessaatti hojattu seera keessa qoommii argate. Fulaa seerii hinjirre cubbuun waan du'e. Anin durii seera malee jiraadhe; ammoo seerii dhumnaan cubbuun kaatee, jennaan anin du'e. Seerii anin waan innii jireennaan naa dhufu se'e, du'aan naa dhufe. Wantii akkanatiif cubbuun qoommii argatteetti, seera keessa seentee na sobdee, karaa seeratiin cuubbuun na ijjeefte. Seerii cuftii qulqulloo, qajeelaa fi dansaa. Yoos waan dansaati na ijeesee? Hiyyoo, akkasiiniti. Cubbuutti na ijeese; cubbuuti akka wantii isii cuftii mullattu waan dansaa fuudhee du'aan natti dhufe. Tanaaf cubbuun marroo seeraatiif haga duriille irra hammaate. Nu akka seerii seera hafuuraa ta'e inbeenna; anin ammoo namumaa, akka tissee cubbuutti na gurguraatan. Anin waan tolchu hinbeeku; wantii akkanaatiif anin waan tolchuu fedhu hintolchuu, ammoo waan tolchuu hinfeene tolcha. Anin yo waan tolchuu hinfeene tolchu akka seerii qajeelaa agarsiisa. Tanaaf namii waan kana tolchu anaanitii, ammoo cubbuu na keessa jirtuutti waan kana na tolchisiisa. Anin akka wantii dansaan tokkolleen na keessa yokaan nafa kiyya keessa hinjirre inbeeka. Adoo waan dansaa tolchuu fedheellee danda'ee hintolchu. Waan dansaa ka tolchuu fedhu hintolchuu, ammoo hammeenna tolchuu hinfeene tolcha. Anin yo waan tolchuu hinfeene tolchee, yoos namii wa tolchu anaanitii; ammoo cubbuu na keessa jirtuutti tolcha. Tanaaf anin akka seerii kun hujii hojjatu inarga; yo anin waan dansaa tolchuu fedhuu waan hamtuu callaatti natti gadbaha. Garaa kiyya keessaatti seerii Waaqaa na gammachiisa. Ammoo akka seerii dhibiin mittaa tiyya keessa hojjatu arga, seerii ka seera qalbiin tiyya feetu jibbu. Innii tisse seera nafa kiyyaa keessa jiruu na tolcha. Anin guddoo gaargala qaba! Eentu nafa du'atti na geessu kana keessaa na baasa? Mar. roo Aabboo Yesus kiristootiif Galatii Waaqaa hinbadiin! Wantii anin keessa jiru tana; ufii tiyyaa seera Waaqaa qalbii tiyya callaa keessaatti guuta, ammoo nafii kiyya seera cubbuu guuta. Warra karaa Kiristoo Yesus keessa jiru qorsumaan hin hamneef. Wantii akkanaatiif seerii hafuuraa, ka jireenna marroo Kiristoo Yesusiitiif nuu kennu, ya seera cubbuutiif ka du'aallee jalaa na baase. Waan seerii marroo laafinna nafaatiif tolchuu dadhabee, Waaqii ya tolche. Innii cubbuu nafa namaa keessa jirtuu wallaala itti muree, Ilma ufi erge, ka nafa namaatiin dhufe sooriyyoo cubbuu balleessituu ta'e. Wantii Waaqii waan kana tolcheef, akka waan dhugaa ka seerii fedhu nuu warra akka fedhii nafaatiinii akka fedhii hafuuraa gula yaa'uu tolchan. Warrii waan nafaa gula yaa'u waan nafaa herrega. Warrii waan hafuuraa gula yaa'u waan hafuuraa herrega. Namii waan nafaa herreguu indu'a, namii ammoo waan hafuura herregu jireennaa fi nagayaa argata. Tanaaf namii waan nafaa herregu nyaapha Waaqaa ta'a; innii seera Waaqaa hinguutu, guutuullee hindanda'u. Warrii herrega nafaa gula yaa'uu danda'ee Waaqaa hingammachiisu. Yo dhuguma hafuurii Waaqaa isan keessa jiraatee, isan herrega nafaa gula hin yaatanii, ammoo herrega hafuuraa gula yaatan. Namii hafuura Kiristoo hinqamne cuftii ka isaatiiniti. Ammoo yo Kiristoon isan keessa jiraatee, adoo cubbuun nafa keessan ijjeecheellee dhugaan hafuura keessan jiraachifti. Hafuurii Waaqaa ka Yesus du'a keessaa kaase, isan keessa yo jiraattee, yoos ka Yesus du'a keessaa kaasee, hafuura isaa ka isan keessa jiruun, nafa keessaniillee jireenna inkenna. Tanaaf obboleeyyaan tiyya, nafii keenna, akka nu fedhii isaa gula yaanuu, homaa nurraa hinqabu. Wantii akkanaatiif yo fedhii nafa keessanii gula yaatan indootan; ammoo yo hafuuraan nafa keessan ijeeftan injiraattan. Warrii hafuura Waaqaa gula yaa'u ilmaan Waaqaati. Hafuurii Waaqii isanii kenne sunin tisse isan hintolchuu; ammallee isan hinsodaachisuu, ammoo hafuurii ilmaan Waaqaa isan tolcha, ammallee jabeenna hafuuraatiin Waaqaatti boonne, “Aabbo, Aabbo” jenna. Hafuurii Waaqaa hafuura keennaan takka ta'eetti, “warrii kunin ilmaan Waaqaa” jedhee nu dhugeessa. Nu waan ijoollee isaa taaneef eebba innii ijoollee ufiitii kennu indhaalla, ammallee Kiristoo waliin waan Waaqii isaa olkaaye dhaalla; wantii akkanaatiif nu yo Kiristoo waliin gaargalle guddinna isaa eegii tana qoodanna. Waan anin se'u, gaargalii nu amma argannu kunin guddinna nu hegerii argannuun walti hindhufu. Uumamii cuftii haga Waaqii ilmaan ufii mullisuutti abdii guddoon eega. Wantii akkanaatiif uumamaa cufaa laallaan, homaa hinba'u jedhan. Innii marroo fedhii ufitiinitii, ammoo marroo Waaqii akkasi fedheef akkana ta'e. Ammoo abdii tanaatti jira: uumama cufaa guyyaa tokko tissooma shamaa keessaa baasanii, balchooma dansaa ilmaan Waaqaa qabdu argata. Akka haga ammaa uumamii cuftii akka nadheen ciniiffattuu dhukkubsatu nu inbeenna. Uumama callaanitii, nuun midhaan qaraa ka hafuuraa qamnuuyyuu, adoo akka Waaqii dhufee ilmaan isaa nu tolfatee nu baasu teteennee eegannu inboonna. Nu abdiin baafamne; ammoo yo waan abdannu arganne, wantii sunin itti deebitee abdii hintaatu. Eentu waan ilaan argu abdata? Ammoo yo waan hingarre abdanne, obsaan eeganna. Akkasuma adoo lalaafoo taaneellee hafuuriilleen dhufee nu qarqaara, nu akka kadhachuu malle hinbeennu; ammoo hafuurii Waaqaa waassa namii dandaa'ee afaaniin hinjenneen nuu kadhata. Ammallee Waaqii, ka garaa nama cufaa argu, herrega hafuuraa inbeeka. Wantii akkanaatiif hafuurii waassaan Waaqaa kadhata marroo gumii isaatiif ammallee fedhii isaa gula. Akka waan cufaa keessaatti Waaqii warra ufii jaalatu, ka fedhii ufitiin yaamee, waan dansaa tolchuu nu inbeenna. Warra durii Waaqii foohate innii ya akka ilma isaa fakkaatu olkaaye; akka obboleeyyaan hedduu ilmii angafa ta'u. Tanaaf Waaqii warra durii olkaaye kaan yaame; yaamicha callaanitii ammoo dhugaa herregeef; dhugaa calla hinherrenneef ammoo guddinna ufiillee warraa qoode. Ka waan cufaa garru, nu maan jennaa? Yo Waaqii gama keenna jiraate, eentu danda'ee nu dabsata? Innii Ilma ufiillee nuu hindhowanne, ammoo nu cufaa baase! Innii ka Ilma ufi nuu kenne, waan nu feenu cufaa tolaan nuu hinkennuu? Eentu gumii Waaqii foohate himata? Waaqii, “Warrii wallaala hinqabu” ya jedhe! Eentu danda'ee wallaala warraatti mura? Kiristoo Yesus la du'e, ammallee la du'a keessaa kaassanii harka mirgaa ka Waaqaa teesisan; innii Waaqaa nu kadhata. Eentu danda'ee jaalala Kiristoo keessaa nu baasa ree? Gaargalii, hammeennii, dhaanichii, beeltii, hiyyumaan, lubbuu fi dootilleen gargarii nu baasuu indandaa? Barreessii keessaatti waan, “Mar. roo akkaanaatiif hafuurii guyyaa cufaa nu bira ejja, akka hooliyyee qalmaa geessan nu tolchan” jedhaa la barreessan. Hiyyoo, waan kana cufaa nu marroo nama nu jaalatutiif dabsanna! Akka wantii tokkolleen dandeetee jaalala isaatiin gargarii nu hinbaamne; du'aa jireennaalleen; ergamtootaa fi jabeennii gubbaa jirulleen; waan ammaatii fi ka hegerrilleen; lafa gubbaatii fi laftii gadilleen-wantii tokkolleen ta jaalala Waaqaatiin gargarii nu baasaa hinjirtu, ta marroo Kiristoo Yesus Aabbo keennaatii fi teenna taate. Wantii anin jedhu kunin waan dhugaati; anin ka Kiristootii, hinkiyyibu. Qalbiin tiyya, Hafuura Qulqulloo keessa, akka anin hinkiyyimne naatti himti. Laaleffachaan tiyya waan guddoo, dhukkubsachaan tiyyalleen hin hobbaatu. Mar. roo warraatiif anin silaa akka Waaqii na abaarree, Kiristoon wali hanqannu fedha. Warrii gumii Israa'el ta Waaqii foohatee, ilmaan ufii warra tolchee, guddinna ufii warra waliin qoodatee, waldhaqisa ufii warra waliin tolchee seera kenneef; kadhachaa dhugaa qaban; ya kakuu Waaqaa argatan; warrii dhaloota jaarollee duriiti, Kiristoolleen dhaloota gula gosa warraati. Waaqaa waan cufaa fidu haga jiruu jireennaa ha guddisanii! Ee'e jenne. Anin, kakuun Waaqaa ya badde hinjedhu; wantii akkanaatiif gochitii Israa'eli cuftii warra Waaqii foohateeniti. Yokaan dhalootii Abrahaam cuftii ijoollee Waaqaatiniti; wantii akkasiitiif Waaqii Abrahaamiin: “Ijoollee Isaaq callaatti ilmaan tantee ta'a” jedhe. Tanaaf ijoolleen aadaa namaa gula dhalatte ta Waaqatiniti; ammoo ijoollee kakuu Waaqatiin dhalatte akka dhaloota dhugaa herregan. Waaqii, “Yo fulaan geetti anin gadeebi'eetti Saaraan ilma dhalti” jedheetti akkana kakate. Tana callaaniti, ilmaan Ribqaa lamaan abbaa tokko qabdi; inniilleen abaaboo keenna Isaaq. Akkuma barreessin: “Anin Yaaqob jaaladheetti Esaawuu jibbe” jette. Maan jenna ree? Waaqii dhugaa hinbeekuu? Hiyyoo, akkasi hinjennu. Wantii akkanaatiif innii Muuseen, “Anin nama fedhuu na'a, nama fedhu qarqaara” jedhe. Tanaaf wantii namii tolchu yokaan fedhuu, homaa keessa hinjirtu, ammoo naasuu Waaqaatti waan cufaa dura jira. Barreessiin quluqulloon Fara'ooniin: “Anin marroo waan kanaatif hayyuu si tolche, akka jabeenna kiyya si garsiisee maqaa kiyya lafa cufaa barsiisu” jetti. Tanaaf Waaqii nama fedhuu na'ee, nama fedhuullee mataa jabeesa. Ati hegerii: “Yo wantii kunin dhugaa taate, Waaqii akkam wallaala namaatti mura? Eentu danda'ee waan Waaqii fedhu dida?” Naan jetta. Ammoo atin eennuu kanaa, ka Waaqaan akkana jettu? Eeleen faaraa nama isii dha'een, maaf akkana na dhoofta injettii? Namii eelee sun dha'u, akkuma fedhu dhoqqee tolcha, yo fedhe eelee lama dhoqqee tokkoon midhaasa, yo fedhe ta gatii guddoo yokaan ta gatii diqqoo midhaasa. Wantii Waaqii tolcheelleen akkasuma. Innii dallansuu ufii agarsiisee jabeenna ufii nama beesisuu fedhe. Tanaaf innii nama tokkollee itti dalanee diqqumaa hinballeessin sun guddoo obseef. Ammallee innii durooma guddinna ufii mullisuu fedhe, ka nama innii na'uufiti naqan, warra innii kurfeessee akka guddinna ufii qooduuf. Innii nuu warra Yahudii callaa hin yaamennee, ammoo gosa dhibiillee keessaa ya yaame. Wantii akkanaatiif innii kitaaba Hoose'a keessaatti: “Warra kiyya hinta'in, Kiyya jedhee yaama gosa durii hinjaalanne, ‘Badhaasoolee tiyya’ jedhee yaama. Fuluma durii, ‘Isan warra kiyyaaniti’ jedhanitti, achitti ‘Ilmaan Waaqaa Jiruu’ jedhaniin” jedha. Isaayaas waan Israa'eli: “Gochitii Israa'el adoo haga maansa afaan galaanaa geeteellee, haguma diqqaa tokko callaatti baafama; wantii akkanaatiif Waaqii dhi'oottuu lafa cufaa wallaala itti muree” jedhe iyya. Akkuma durii Isaayaas dubbatee: “Adoo silaa Aabbo Waaqii guddaan ilmaan teenna hambisuu baatee, nu ya ardhaa kalee warra Sodomaa taanee warra Goomoraa hinfakkaatin” jedhe. Maan jenna ree? Wantii nu jennu, gochitii dhibiin ta dhugaa hinbarbaanne marroo dhugeeffachaatif dhugaa argatte jenna. Israa'eli, ammoo ta seera Waaqaatiin dhugaa barbaadde dhugaa hinarganne. Maaf akkana? Mar. roo waan tolchan dhugeeffachaan hintolchinee ammoo hujiin tolchaniif. Tanaaf warrii gufuu dhakaa, ta barreessiin baantuutti gufata; Iaali, anin Xiyoon keessa dhakaa namii itti gufatee irraa jiguu kaahaa Ammoo namii isa dhugeeffatu hinceeru. Obboleeyyaan tiyya, yo silaa gochii tiyya cuftii baafamte garaan kiyya guddoo gammada! Akkam Waaqaa warraa kadhadhaa! Anin akka warrii Waaqaa guddoo jaalatu dhuga intaaf. Ammoo jaalaltii warraa beeka gulaaniti. Warrii karaa Waaqii qajeelummaa namaa herreguun hinbeekuu, ya karaa ufii midhaafachuu barbaade; tanaaf karaa Waaqii qajeelummaa namaa herreguun ya dide. Akka namii dhugeeffatu cuftii qajeeluma argatu seeri Kiristoon ya muumma'e. Muuseen waan qajeelummaa ta namii seera guutu argatuu barreessee “Namii waan seerii jedhuun tolchu injiraata” jedhe. Ammoo qajeelummaan namii dhugeeffate argattu, “Eennuutti akka Kiristoo gadi buusan gubbaa dhaqa?” hinjedhinaa jetti. Yokaan “Eennuutti akka Kiristoo du'a keessaa kaasan boola keessa seenna?” hinjedhinaa jetti. Maal jetti ree? “Dubbiin Waaqaa ta dhugeeffachaa ta nu haasomnu dhaattuu tantee, hidhii tantee gubbaa fi garaa kankee keessa jirti” jetti. Atin yo afaan kanketiin, Yesus “Aabboo” jettee, ammallee akka Waaqii du'a keessaa isa kaase dhugeeffatte inbaafamta. Wantii akkanaatiif namii yo garaa ufitiin dhugeeffate qajeelummaa argatee, yo afaan ufitiin himate baafama. Barreessiin, “Nama isa dhugeeffatu tokkollee hinceersan” jette. Wantii akkanaatiif jidduu Yahudiitii fi ta gosa dhibiillee wal hanquun hinjirtu; Waaqii Aabboo, nama cufaa in moohata, nama isa yaamatu cufaa ineebbisa. Akkuma barreessiin qulqulloon: “Namii Aabboo yaamatu cuftii inbaafama” jettu. Ammoo yo qara hindhugeeffatin, namii akkam isa yaamata? Yo dubbii hindhagayin, akkamiin dhugeeffata? Yo dubbii itti hin haasanii akkamiin dhagaya? Yo nama haassa'uu hinergin duubbii akkamiin haassan? Akkuma barreessin jettee, miilii warra oduu dansaa haasa'uu akkam midhaaga! Ammoo namii cuftii oduu dansaa hinfudhanne. Isaayaas, “Aabboo, eennuutti dubbii teenna dhugeeffate?” jedhe. Tanaaf dhugeeffachaan yo dubbii dhagayan dhufti; wantii dhagayan sun ammoo yo waan dubbii kiristoo dhagayan. Ammoo waan anin gaafadhuu, warrii dhugumaan dubbii tana in dhagaanii? Lakkii, ya dhagayan, akkuma barreessin quluquulloon, “Qoonqoon isaanii lafa cufa keessa deemtee, dubbiin isaan muummee lafaa geete” jettee. Ammallee wannii anin gaafadhuu, “Gochitii Israa'eli hin hubannee?” Muuseen qaraa: “Anin gosa gosa tiyya hinta'in daallitii fuudhee gosa tiyya tolche akkasiin gosa tiyya obsa dhowwee dallansiisa” jedhe. Ammallee Isaayaas guddoo garaa jabaatee: “Warra na hinbarbaneetti na arge, warra na hingaafanneetti mulladhe” jedhe. Waan Israa'eli ammoo innii: “Anin harka kiyya guyyaa tokko cufaa gosa hinchaqamne ta mataa jabaattee dubbii hindhageenne dura qabadhe” jedhe. Anin duuba isan gaafadhaa, Waaqii ya gumii ufii didee? Hiyyoo, akkasiiniti. Mat. aan kiyyaa gosa Israa'elitii, dhaloota Abrahaam, balbala Benjamin. Waaqii gumii ufii ta duruu foohate hindinne. Barreessii “Akka Eliyaas fuula Waaqaa duraatti Israa'eli himatuu inuma beettan” jettu hindubbimnee? Innii “Aabboo! Warrii ya raagoota tantee fixee, fulaa sooriyoo irraatti sii baasan cacabsee; na callaatti hafe, ammallee nallee ijeessu fedhan” jedhe. Waaqii maan isaan jedhe ree? “Anin nama kuunkii torbaa ka waaqaa dharaa ka Ba'aali jedhan hin kadhatin qaba” jedhe. Ammatanaallee akkasuma; gumii diiqqoo tokko ta Waaqii marroo naassuuf isaatii foo'atetti jira. Foohachaan isaa waan warrii ufiin tolfateenittii, waan naassuu isaat; yo foohachaan Waaqaa waan namii tolchuu barbaaddee, yoos naassuun isaa dhuganiti. Maan ree? Gochii Israa'eli waan barbaadde hin arganne; gumii diqqoo tokko ta Waaqii foohatetti waan barbaadde arge; jarrii kaan cuftii yaamicha Waaqaatti dudaa ta'e. Akkuma baarreessin jettuu waaqii ya qalbii fi garaa warraallee daalleesse; guyyaa kanaallee ilaan lafa hinargan, gurraalleen homaa hindhagayan. Ammallee Daawit akkasuma, “Jila warraa keessaatti warra qaqabanii hidhinna, ha jiganitii, ha gaargalchaniiti; akka lafa hingarre iltii warraa ha dukkanooftuutii; ammallee gaargalii ha yo cufa dudda warraa cabsuuti” jedhe. Wantii anin gaafadhuu, Yihudiin gaafa gufatee ya jidde baddee? Hiyyoo akkasiiniti. Mar. roo warrii dabeef baafamii ya gosa dhibiitti dhufe, akka akkasiin Yihudiin warra qoxxiftu. Yo Yihudiin daba tolchinaan eebba guddoon lafatti dhuftee, ammallee Yihudiin cubbuu tolchinaan durooma guddaan gosa dhibii dhufte, deebiin warrii Waaqaatti deebi'u eebba hagam guddooti! Anin amma isanii gosa dhibitti dubbachuu jira; anin haga hojjataa gosa dhibii ta'ee hujii tiyya inoowisa. Hegerii gochitii tiyya na qoxxifteetti anin karaa kanaan warra gariillee baasa. Wantii akkanaatiif gaafa warra didan, laftii cuftii Waaqaan waltti araaramti. Tanaaf gaafa warra fudhatan maal taati? Warrii du'eelleen injiraata. Yo qixxaa qaraa bukeessan Waaqaa kennan, yoos qixxaan cuftii ka isaati; ammallee yo hiddii mukaa qulqulloo ta'ee, dameelleelleen qulqulloo. Dameelee ejersa oobruu keessa jiruu ta garii ya cacabsan, damee ejersaa raasaa keessa jiruu la ejersa oobruu keessa jiruutti maxansan. Isan gochitii dhibiin akka ejersa raasaa keessa jiruu jirtan, amma jireenna lubbuu dureessa Yihudii qoodattan. Tanaaf amma warra akka dameelee cabsan hin tufatinaa! Isan akkuma damelee jirtanii, akkamiin ufi guddifatan? Hidda hin qabdan, hiddaatti isan qaba male. Isan ammoo: “Damelee cacabsanii akkasiin fulaa isii nuu kennan” jettan. Tunin dhugaa; warra marroo warrii hin dhugeeffatiiniif cacabsan, isan ammoo marroo dhugeeffatiinf fulaa teessan keessa teettan. Waan kanaaf ufi hinguddisiinaa, ammoo sodaadhaa. Waaqii Yihudiiyyuu ta akka damee mukaa jirtu hinlakkimnee, waan innii isan lakkisu seetanii? Armatti akka Waaqii naasuu fi jabeenna qabu ingartan. Innii warra jige hingaargalchaa, ammoo yo isan naasuu isaa gula yaatan isanii na'a; isaniilleen yo gula hin yaane, incaphixxan. Yihudii, yo isiin garaa laaftee dhugeeffatte, waaqii waan warra deebisuu dandaa'uuf fulaa isii ta duriitti deebisan. Isan gochitii dhibiin akka dameelee ejersa raasaa keessa jiruu, ta cacabsanii jirtan; ammoo aadaa malee isan ejersa oobruu keessa jiruun walti maxantan. Yihudiin akka muka oobranii kana jirti; tanaaf guddoo Waaqaa laaftuu, akka innii dameelee muka kanaa ta cacabsan ka dhibiitti maxansu. Obboleeyyan tiyya Waan dhossan tokkootti ta dhugaa ta anin akka isan barattan fedhu jira; anin isanii guddoo qaroo ufi seetan hinfedhu. Wantii sulleen ammoo, mataa jabeennii gosa Israa'eli waan haga hegerii ta'aatinitii, waan eegii gochitii dhibiin cuftii Waaqaatti dachaat hobeaati. Israa'elin cuftii karaa kanaan baafamti. Barreessiin qulqulloon, “Qarqaarsii Xiyoon keessaa dhufa, innii hammeenna cufaa dhaloota Yaqoob keessaa baasa; ammallee gaafa cubbuu warra irraa fuudhuu, anin waldhaqiisa kana warra waliin tolcha” jetti. Mar. roo isanii gosa dhibiitiif Yihudiin waan Oduu Dansaa dideef nyaapha Waaqaa taati. Ammoo marroo Waaqii ababoota warraatii jedhee warra foohateef warrii jaallan isaati. Waaqii qalbii ufii warra foohatee eebbise irraa gara hingalfatu. Isan gochitii dhibiin durii Waaqaa diddan, amma ammoo marroo Yihudiin diddeef, ya naasuu Waaqaa argattan. Akkasuma, waan isan naasuu argattaniif, Yihudiin amma Waaqaa caqasuu didde, akka warriilleen amma naasuu Waaqaa argatu. Wantii akkanaatiif Waaqii ya akka ilmee namaa cufaa na'u, nama cufaa cubbuu warraa keessaatti hidhe. Badhaadhummaan naasuu Waaqaa akkam guddoo! Qalbii fi hubachaan isaa akkam guddoo! Eentu waan innii muru beeka? Eentu karaa isaa hubata? Akkuma barreessiin jeettuu: “Eentu qalbii Aabboo beeka? Eentu danda'ee isa gorsa? Eentu takka akka innii galata deebisuuf wa isaa kenne? Waan cufaa isaatti uume, wantii cuftii marroo isaatiif jirti, ammallee isaan jirti. Guddinnii gara Waaqaa haga hegeriillee ha jiraatuuti!” Ee'e jenne! Tanaaf obboleyyaan tiyya marroo naasuu Waaqaa guddootiif anin isan kadhadhaa, akka sooriyyoo jirtuu Waaqaa ufi baasaa, hujii isaa hojjadhaa isa gammachiisa. Tunin aadaa dhugaa isan tolfachuu maltan. Aadaa lafa tanaa jaalattanii gula hinyaa'inaa! Ammoo ha Waaqii garaa keessanii fi qalbii teessan jijiruutii. Yoos duuba fedhii Waaqaa, waan dansaa ta'e, waan qixxe ta'e ka isa gammachiisaa baraattanii. Mar. roo eebba Waaqii naa kenneef anin isan cufaan: “Ufi saaddanii ufi hinguddisiinaa, ammoo herrega keessan keessaatti ufi diqqeessaa, ammallee namii cuftii dhugeeffachaa Waaqii isaa kenne gula ha ufi qoratu” jedha Nafii namaa mittaa hedduu qaba, ammallee mittaan tunin cuftii hujii ufii qabdi. Akkasumaa nulleen adoo nama hedduu taaneellee, Kiristoo keessa nuun cuftii nama tokko, ammallee akkuma mittaan nafaa cuftii walti ejitu, nulleen walti ejjina. Tanaaf waan qamnu cufaan akkuma eebba Waaqii nuu kenne gula hojjachuu malle. Yo hujiin teenna ta dubbii Waaqaa haasooftu taatee, dhugeeffachaa Waaqii nuu kenne gula haasa'uu malle. Yo namaa hojjanne, akka dansaa hojjachuu malle! Yo nama barsiimnee, akka dansaa barsiisuu malle! Yo nama dhibii jabeesinee, akka dansaa jabeessuu malle! Namii waan harkaa qabuu namaan ga'uu fedhuu, ha arjoomaan ga'uunii! Namii nama dura deemuu, ha akka dansaa dura deemuu! Namii namaa na'uu ha gammadaan na'uufi! Jaalaltii ha waan dhugaa taatuutii. Waan hamtuu jibba, waan dansaa jabeessaa! Akka obboleeyyaan Kiristoo wali jaaladhaa, ammallee walii ceeraa! Ufumaa hintataa'inaa akka dansaa hojjadhaa. Garaa oowaan Aabboo hojjadhaa! Abdiin teessan ha gammada isanii kennintuu; gaargala obsaa; yo cufaa Waaqaa yaamadhaa! Waan qabdaniin obboleeyyaan rakkinna qabdu qarqaaraa! Warra keessaniitti keessumaa bulchaa! Warra isan gaargalchu eebbisaa malee hinabaarinaa! Warra gammadu waliin gammadaa; warra boo'u waliin boo'aa! Nama cufaan waldhaqaa; ufi hinguddisiinaa, ammoo hujii isan diqeesituullee hojjadhaa! Qaroo ufi hinse'inaa! Yo namii waan hamtuu isan tolche waan hamtuu isa hintolchiinaa! Waan namii cuftii dansaa se'u callaa tolchaa! Haga dandeettan gama keessaniin, nama cufaa nagayaan waliin taa'a! Jaallan tiyya! Haaloo hinbaafatiinaa, ha dallansuun Waaqaa haaloo isanii baaftuuti! Wantii akkanaatiif barreessii qulqulloo keessaatti Aabboo Waaqii, “Haaloo baasuun tiyya, anin hujii namaa mataa isaa irraatti deebisa” jedhe. Ammoo fulaa tokkootti: “Yo nyaaphii kankee beela qabaate, nyaachis; yo innii dheebuu qabaate, bisaan obaas! Yo waan kana tolchite, cilee oowituu mataa isaa gubbatti guurta” wantii jedhaa la barreefamte. Hammeennii si hindabsatinii, ammoo hammeenna dansoomaan dabsadhu! Namii cuftii jara finna lafaa harkaa qabu caqasuu malle! Wantii akkanaatiif fedhii Waaqaa malee namii wa fidu hinjiru, ammallee jara amma lafa fidu kanaallee Waaqatti tolche. Namii jara wa fidu sun didu waan Waaqii tolche dida; namii waan kana tolchu murtii ufitiin dhufa. Wantii akkanaatiif namii waan dansaa tolchu jara isa fidu sun hinsodaatuu ammoo nama hammeenna tolchuuti sodaata. Akka nama nama fidu hinsodaannee ta'uu feetaa? Yoos waan dansaa tolchi! Innii si saadaa. Wantii akkanaatiif innii hojjaataa Waaqaa ka akka irra jirtii tanteetii sii hojjatu. Ammoo yo waan hamtuu tolchite isa sodaadhu! Innii hojjataa Waaqaatii dallansuu Waaqaa nama waan hamtuu hujjatuuti buussa malee ufumaa billaan hindeemuu. Tanaaf namii marroo dallansuu Waaqaa callaaf adoo hinta'in, marroo herrega garaa ufiitiifii jara lafa fidu caqasuu male. Mar. roo waan kanaatiif isan gibira baaftan; wantii akkanaatiif jarii wa fidu kunin, yo hojjatu Waaqaa hojjachuu jira. Tanaaf waan warraa baasuu malan cufaa baasaaf; ka damoosaa baasuufii malan dammoossa, ka gibira baasuufii malan gibira, ka guddinnaa kennuufii malan guddinna, ka ulfinna kennuufii malan ulfinna kennaaf! Gatii nama tokkollee hinfudhatinaa! gatiin isan qabdan ta jaalala walii callaa ta'inna! Namii nama dhibii jaalatu cuftii ya seera guute. Seerii, “Dhiiraa fi nadheen walbaratee gaarayyuu wali hintolfatin! Nama hinijeesiin; hinhatin; homaayyuu hindharra'in” jedhuu fi ka dhibiin cuftii seera, “Akkuma ufi jaaltattu nama dhibiillee jaaladhu” jedhu keessa jira. Namii akkuma ufii jaalatu nama dhiibiillee jaalatuu waan hamtuu isa irraatti hinhojjatu. Yoos, jaalaltii seera cufaa guuti. Waan saatii beetaniif waan kana tolchuu maltan; yoo'ii isan hirriiba keessaa kaatan ya ga'e. Yo'ii nu baafamnu ya haga qara nu dhugeeffanne irra gad dhi'aate. Halkan ya alaa hobbaan, laftii diqqumaa hinbariin; waan dukkanaa lakkisuu malle; mi'a lolaa ka ibsee naqachuu malle. Akka nama ebisee guyyaa keessa deemuu adaba dansaan deemaa; farsoo dhugitii, machii, fokki dhaba, waldidiisaa fi qoxxee lakkimnaa! Ammoo mi'a lolaa ka Aabboo Yesus Kiristoo keeyyadha; adaba keessan ka dabaa, ka dharraa nafa keessanii quufsuu lakkisaa! Nama dhugeeffachaa laaftuu qabu ufiitti qabaa malee waan innii jedhu hinmorminaan! Nama tokkoo dhugeeffachaa waan cufaa isa nyaachiftu qaba, namii dhugeeffachaa laaftuu qabu ammoo dhugeeffachaa jedhee foon hin nyaatuu sagaluma laaftuu lafaa baatu nyaata. Namii waan cufaa nyaatu nama waan cufaa hin nyaanne hintuffatin; ammallee namii dhugeeffachaa jedhee sagalee laaftuu callaa nyaatu nama waan cufa hin nyaanee hintufatin; wantii akkanaatiif Waaqii ya isa “Ee'ee” jedhee fudhate. Atin eennuu kanaa ka hojjataa nama dhibiitti murtu? Abbaa isaa callaati jabeennaa fi laafinna isaa beeka. Mar. roo Aabboon danda'ee isa jabeessuuf innii injabaata. Namii garii waan guyyaan garii ka dhibii irra jiru se'a, ammoo ka garii guyyaa cufaa haga takka se'a. Namii cuftii akka dansaa herrega ufii jabeessuu male. Namii guyyaa tokko jabaa se'u marroo Aabbootiif se'a; namii waan cufaa nyaatuulleen marroo Aabbootiif nyaata, waan innii adoo sagalee sun hin nyaatin Waaqaa galata deebisuuf. Namii sagalee garii nyaachuu diduulleen marroo Aabbootiif dida, inniilleen Waaqaa galata deebisaaf. Namii ufumaa jiraatu hinjiru, ammallee namii ufumaa du'u hinjiru; yo jiraanne Aabboof jiraanna, yo dooneellee Aabboof doona; yo jiraannee fi yo dooneellee duuba nu ka Aabbooti. Wantii akkanaatiif Kiristoon akka nama jiruu fi ka du'eellee abbaa ta'uuf du'ee ka'e. Tanaaf atin maaf obboleessa kankeetti murta? Yokaan atin maaf obboleessa kankee tuffatta? Nuu cuftii murtiif fuula Waaqaa dura ejaajuufii. Wantii akkanaatiif barreessii qulqulloo keessaatti, “Aabboon, ‘Waaqii jiraataan anuma callaa, ammallee namii cuftii na duraati jilbifatee akka anin Waaqaa hima’ jedha” wantii jedhaa la barreeffamte. Tanaaf nuun cuftii waan tolchine Waaqaa duraati himachuu malle. Tanaaf duuba, waliitti murtii lakkimnaa. Fulaa sun waan kana kutannaa; waan obboleessa keenna gufachiisee daba keessa buusaa hintolchinu. Beekii anin Aabboo Yesus beeku akka wantii tokkolleen xurii hinqamne natti hima; ammoo namii tokko yo waan wantii tokko xurii qabdu se'ee, isaa xurii qabdi. Yo wantii atin nyaatuu obboleessa kankee dhukkubsitee, jaalaltii si keessa hinjirtu. Sagaleen atin nyaattu nama Kiristoon du'eef hinballeessin! Wantii atin waan dansaa seetu maqaa hamaa hinhoratiin! Wantii akkanaatiif mootummaan Waaqaa waan nyaatanii dhuganiinitii, ammoo dhugaa, nagayaa fi gammada hafuurii qulqulloon namaa kennu. Namii karaa kana gula Kiristoo hojjatuu Waaqaa gammachiiseetti namaallee quufsa. Tanaaf nu yo cufaa waan nagaa nu kennaatii fi ta wal jabeesitii barbaaduu malle! Sagalee jettanii waan Waaqii tolche hinyakkinaa; sagalee gosa cufaa nyaachuu malan; ammoo sagalee nama dhibii cubbuu keessa buuftu nyaachuu hin malle. Waan qajeeltuu akka foonii, daadhii wayniitii fi waan dhibiillee ta obboleessa kankee cubbuu keessa buusaa lagachaan fulaa. Aadaa waan kanaa ta dhugeeffattu ufii fi Waaqaa callaatti dhoffadhu! Gammachuun ta nama suniiti, ka yo waan qajeelaa ka garaan isaa jaalatu tolche wallaala ufiiti hinmurre! Ammoo namii yo waan nyaatu garaa tokkoon hin nyaannee, Waaqii wallaala itti mura, marroo yo innii nyaatu dhugeeffachaan waan innii tolche sun bira hinjirreef; wantii dhugeeffachaan bira hinjirre cuftii cubbuu. Nu warrii dhugeeffachaa jabduu qabuu laafinna warra lalaafaa obsinee ulfinna isaanii baachuu malle. Ufi callaa gammachiisuu hin malle. Ammoo namii cuftii ha akka dhugeeffachaa keessaatti isa jabeessan obboleessa ufii qarqaaree gammachiisuu! Wantii akkanaatiif, akkuma barreessiin qulqulloon, “Arrabii namii si arrabsee ya natti deebi'e” jettuti isaatti deebi'e malee, Kiristoon ufi hingammachiimne. Waan barreessii keessatti barreessan cufaa akka nu barsiisaniif barreessan, akka nu abdii, jabeennaa fi obsa barreessiin nuu kennituu argannu. Waaqii ka obsaa fi jabeenna namaa kennu, isan waldhageesisee akeeka Kiristoo Yesus gula isan yaasinna. Akka isaniin cuftii afaan tokkoon Waaqaa Abbaa Aabboo keenna Yesus Kiristoo faarsitan! Akkuma Kiristoon ufiitti isan dhiisee, isaniilleen marroo guddinna Waaqaatiif ufiitti wal dhiissaa. Anin isaniitti himaa, Kiristoon akka waaqii ka dhugaa agarsiisee, kakuun Waaqii jaarrolleetti kakate dhugaa taatuuf hojjataa Yihudii ta'e. Ammallee akka gochitii dhibiin dandeettee marroo naasuu isaatiif isa faarsitu; akkuma barreeffamee, “Tanaaf anin marroo teessaniif gosa dhibii jidduutti galata sii deebisa, anin faaruu maqaa kankeetii dhahadha” jedha. Ammallee, “Gosa dhibii, gumii Waaqii foohate waliin gammadaa!” la jedhan. Ammallee, “Isaniin gosa dhibii ka Waaqaa hinbeenne cuftii, Aabboo faarsaa, guddisaa isa faarsaa, gosa cufa!” Ammallee Isaayaas: “Namii dhaloota Iseyi indhufa; innii ka'eetti gosa dhibii bulcha; isiin abdii ufii isa irra keeyyatti” jedhe. Waaqii, ka abdii namaa kennu, marroo dhugeeffachaa teessan ta isan isa dhugeeffattantiif, akka abdiin teessan jabeenna Hafuura Qulqullootiin itti daramtu gammadaa fi nagaya isanii kenninna! Obboleeyyaan tiyya! Anin akka isan dansoomaan guutamtanii qalbii horattanii, ammallee walbarsiisuu dandeettan inbeeka. Ammoo ergaa tana keessaatti ya waan garii ta qara isaniitti hime guddoo itti jabaadhee isan qaabsiise. Anin waan Waaqii na eebbisee, akka gosa dhibii keessa hojadhu, hojjataa Kiristoo Yesus na tolcheef garaa jabaadhe. Anin Oduu Dansaa ta Waaqaa biraa dhufte akka qaalluu haassaa, akka gochitii dhibiin, ta hafuurii qulqulloon kurfeeseef sooriyyoo Waaqii fedhu taatu. Anin marroo karaa Kiristoo Yesustiin hujii Waaqaa hojjadheef ufi guddisa. Anin garaa jabaadheetti akka gochitii dhibiin Waaqaa caqaftu, waan Kiristoon harka kiyyaa fi afaan kiyyaan tolche callaa haassa. Innii hujii tana jabeenna waan mamatiin, ka akeekaatii fi ka hafuuraatiin tolche. Tanaaf haga Yerusaalemii jalqabee haga Iliiriqumiitti anin ya oduu dansaa Kiristoo qixxeesse haase. Fedhiin tiyya akka fulaa namii oduu dansaa Kiristoo hindhagayiiniitti haasu'u malee akka yayaba namii dhibiin jaare irraatti mana jaaruuniti. Akkuma barreessiin, jettuu, “Warrii waan isaa ka namuu itti hin hinmin inarga, ammallee warrii waan isaa ka qara hindhagayin inhubata” jedhaan barressan. Mar. roo waan kanaatif anin yo hedduu gara keessan dhufu dadhabe. Amma ammoo hujii tiyya ta ardaa kanaa ya hobaase, ammallee anin waan ganna hedduu guddoo isan arguu fedheefii, amma waan isan argu seha. Gaafa lafa Isphaaniyaa dhaqu isan irra ba'eetti, diqqoo fulaa teessan boqqodha, akka isan imaltuu tiyya keessaatti na qarqaartan. Amma ammoo akka gumii Waaqaa qarqaaru Yerusalem dhaquu jira. Wantii akkanaatiif gumiin Maqedooniyaatii fi ta Akkayyaa ya akka hiyyeeyyii gumii Waaqaa ta Yerusaalem keessa jirtu horiin qarqaartu ufi baafte. Warrumaatti fedhee tolche, ammoo silaa hiyyeeyyii sun qarqaaruu malan. Wantii akkanaatiif Yahudiin ya eebba hafuuraa gosa dhibii kennite, tanaaf gochii dhibiilleen waan qabduun Yahudii qarqaaru malte. Anin eegii hujii tana hobbaase, horii baasan cufaa harka warraatti kenneetti, imaltuu lafa Isphaaniyaa dhaqa, duuba isan irra baha. Anin yo fulaa teessan dhufu, akka eebba Kiristoo miyyuun dhufu inbeeka. Obboleyyaan tiyya, maqaa Aabboo Yesus Kiristootii fi jaalala Hafuurii Qulqulloon nuu kennuun, akka isaniilleen na waliin teettanii Waaqaa naa kandhattan isanitti himadha. Akka anin warra hindhugeeffatin ka Yihudaa keessaa jiru nagayaan jalaa ba'u, ammallee akka hujii anin hojjadhu gumiin Waaqaa ta achi jirtu quuftu Waaqaa naa kadhadhaa! Duuba yo Waaqii jedhe gammada guddaan gara keesasn dhufa, ammallee akka dansaa fulaa teessan boqqodha. Waaqii ka nagaya nuu kennu, isan cufa waliin jiraatinna! Ee'e jenne! Anin obboleettii teenna Feebeen, ta gumii Kanchre'aa ta dhugeeffattee hojjattu, isan beesisuu fedha. Maqaa Waaqaatiin, akka gumiin Waaqaa tolchuu malteen isii fudhadhaa! Ammallee waan isiin naa fi nama dhibiillee guddoo qarqaarteef, dhiphuu isiin qabdu cufaa baasaa! Phrisqiilaa fi Aqiilaadhaa, ka hujii Kiristoo Yesus na waliin hojjatan, ka naa jedhanii du'aallee sodaachuu didaniitti nagaya naa himaa. Anin guddoo warra galateeffadha; na callaa adoo hinta'in, ammoo gumiin Waaqaa ta gosa dhibiilleen cuftii warra galateeffatti. Gumii mana warraa keessaatti sagadaa walwaldeettuulleetti nagaya naa himaa! Jaala kiyya Ephanexos, nama qaraa ka Asiyaa keessaatti Kiristoo dhugeeffateelleetti, nagaya naa himaa! Maariyaam, ta guddoo isanii hojjatteelleetti, nagaya naa himaa! Andronikosii fi Yuniyaas, warra Yihudii ka gosa tiyyaa, ka na waliin hidhaniilleetti, nagaya naa himaa! Ergamtoota keessaa warrii gurra qaba; adoo anin Kiristaana hinta'in warrii ta'e. Amphliiyaaxos jaala kiyyaa, marroo Aabbootiif nagaya itti naa himaa! Urbaanos, ka hujii Kiristoo na waliin hojjatee fi jaala kiyya Sxaakisiilleetti nagaya naa himaa! Apheles ka akka innii guddoo Kiristoo jaalatu qoranii itti dhaqabaniilleetti nagaya naa himaa! Warra Arisxobulosiilleetti nagaya naa himaa! Herodiyon ka akkuma kiyya gosa Yihudii ta'eelleetti, nagaya naa himaa; obboleeyyaan Aabbootti dhugeeffate ta warra Naarkisoosiilleetti nagaya naa himaa! Triifeenee fi Triifaasee, ka hujii Aabboo hojataniitti, nagaya naa himaa! Ammallee jaala kiyya Pharsiis ka hujii Aabboo jabduu hojjateelleetti nagaya naa himaa! Ruufoos, ka hujii Aabboo hojjatuu fi haadha isaa ta yo cufaa akka ilma ufii na tolfatteelleetti, nagaya naa himaa! Asinkriixos, Filegoon, Hermaas, Phaaxrobaas, Hermaasii fi obboleeyyaan warra waliin jirtu cufaatti nagaya naa himaa! Filologosii fi Yuliyaatti Nereyoos, obboleettii isaatii fi Olimphaa fi gumii Kiristaanaa ta warra waliin jirtu cufaatti nagaya naa himaa! Dhungoo qulqullitiin nagaya wali fuudhaa! Gumiin Kiristoo ta Mana Waaqaa cuftii nagaya isanii dhaamti. Obboleeyyan tiyya! Anin isan kandhadhaa, warra gargarii nama qoodee dhugeeffachaa namaa yakkee, waan isan durii barattan didu hubadhaa eegadhaa! Warrii waan akkanaa kana tolchu Kiristoo Aabboo keennaa hojachuuti hinjiruu, ammoo garaa ufitii hojata. Warrii afaan dansaan qalbii nama homaa hinbeennee soba. Namii cuftii akka isan dubbii Waaqaa guuttan inbeekha; marroo waan kanaatiif anin guddoo gammada. Anin isanii waan dansaatti qaroomtanii, ammoo waan hamtuutti daallooftan fedha. Duuba Waaqii ka nagaya nuu kennu dhi'oottuu Sheexana miila keessan jalaatti carasa. Eebbitii Aabboo Yesus isan waliin jiraatinna! Ximotewos ka na waliin hojjatuu nagaya isanii dhaama; ammallee warrii Yihudii ka gosa tiyyaa, Luukiyos, Yaasonii fi Sosiiphaaxrosiilleen, nagaya isanii dhaaman. Anilleen Xerxiwos, namii ergaa tana cufaa barreesse, nagaya isanii dhaama. Gaayos, ka na keessummoomsee anin mana isaa bule, ka ammallee gumiin kiristaanaa mana isaa keessaatti walwaldeetteelleen nagaya isanii dhaama. Erasxos ka horii dira kanaa qorqoratuu fi obboleessii keenna Ku'arxosiilleen, nagaya isanii dhaaman. Eebbitii Aabboo Yesus Kiristoo isanii cufaa waliin jiraatinna! Ee'e jenne. Waaqaa ha guddimnuu! Innii Oduu Dansaa Yesus Kiristoo ta anin haasa'uu gula, ammallee mullachaa waan dhossaa ka ganna hedduu dhossan gula dhugeeffachaa teessan jabeessuu indandaa. Amma ammoo waan dhossaan sun barreessii fi raagoota gula ya mullisan; ammallee seera Waaqaa ka haga jiruu jireenna taa'u gula akka namii cuftii dhugeeffatee caqasu gosa cufaa ya beesisaan. Waaqaa tokkochaa ka waan cufaa beekuu, guddinnii marroo Yesus Kiristootiif ammaa fi hegerillee ha ta'uufii! Ee'e jenne. Maqaan kiyya phaawuloos, ka akka ergamaa Kiristoo Yesus tahu fedhii Waaqaatiin yaaman, ammallee obboleessa keenna Sostene waliin jira. Gara gumii Waaqaa ta Qorontos jirtuu, ta yaamanii warra qulqulloo Waaqaa tolchanii, ta marroo Kiristoo Yesustiif warra isaa taatee, ammallee gara nama lafa cufaa ka maqaa Aabboo kennaatii fi ka warraa Yesus Kiristoo yaammatuu, ergaa tana erga. Waaqaa Abbaa keennaatii fi Aabboo Yesus Kiristoon eebbaa fi nagaa isanii kenniina! Anin yoha cufaa waan innii karaa Kiristoo Yesustiin eebba isanii kenneef, marroo teessaniif galata Waaqaa kiyyaa galcha Wantii akkasitiif isan marroo Kiristootiif waan cufaan ya duroomtan, arrabaa fi qalbiillee cufaan. Waan oduun Kiristoo isan keessaatti akkuma dhugaa fulaa argateef, isan adoo mullachaa Aabboo Yesus Kiristoo eeddanuu eebba tokkollee hindhamne. Innii akka guyyaa Aabboo Yesus Kiristoo isan wallaala malee teettan haga muummee isan jabeessa. Waaqa, ka waldhaqisa ilma isaa Yesus Kiristoo Aabbo keennaatti isan yaame, dhugeeffachuu malan. Obboleeyyaan tiyya, anin maqaa Aabboo keenna Yesus Kiristootiin isan kadhadhaa, akka walmormitanii walhindhamne waan jettan cufaa keessaatti waldhaqaa, herregaa fi waan feetan cufaa keessaatti takkaa tahaa! Obboleeyyaan tiyya, akka waldhabii jidduu tessan jiru fiixaan Klo'ee dhuftee ya natti himte. Wantii anin jedhu isaniin cuftii waan waan dubbattan; tokko, “Anin golii phaawuloos” kaan “Anin golii Apholos” dhibiin, “Anin golii Pexros” ka dhibiin, “Anin golii Kiristoo” jedha. Kiristoo ya gargarii qoodanii ree? phaawuloosiitti fannoo gubbatti isanii du'ee? Maqaa phaawuloostiin isan cuuphanii? Anin waan Kiriisphosii fi Gaayos malee isanii tokkollee hincuuphiniif Waaqaa galata galcha! Tanaaf namii tokkolleen danda'ee “Jara phaawuloos ka innii cuuphe” isaniin hin jedhu. (Eehee dhuguma, kadhibii Isxifaanaasii fi warra isaallee natti cuuphe, ammoo nama dhibii ka cuuphe hin beeku.) Kiristoon akka anin oduu dansaa himuuf na erge malee akka anin nama cuuphu na hin ergine, akka dooti kiristoon fannoo gubbaatti du'ee ulfina argatu hime malee, qarooma namaatiin haasa'ee, du'a Kiristoon fannoo gubbaatti du'e jabeenna hindhoore. Himaansii du'a Kiristoon fannoo gubbaatti du'ee warra baduu daallummaa fakkaata; ammoo nuu warra baafamuutii jiru jabeenna Waaqaati. Wantii akkanaatiif barreessiin qulqulloon, “Anin qalbii warra qaroo balleessee, hubachaa warra wa beekuu dhowa” jetti. Tanaaf qaroon maan taha ree? Yokhaan namii hubachaa qabu maan taha ree? Yokaan namii guddoo wa mormu ka lafa tanaa maan taha? Waaqii akka qaroomii lafa tanaa homaa hinbanne ya garsiise! Wantii akkanaatiif Waaqii qalbii ufitiin nama qalbummaa warraatiin ufi hubachiisuu dhowe, Waaqii qalbii ufitiin daallummaa oduu nu himnuutiin nama dhugeeffatu baase. Yihudiin beesisa waan mamaa feeti, Giriikiin qarooma feeti. Nu ammoo waan Kiristoo fannifamee himna, oduun tun ammoo Yihudii ingufachiifti, warrii Yihudii hinta'in ammoo daallummaa seeti. Jarii Waaqii yaamee ammoo, Yihudii fi gosa dhibillee taanaan, Kiristoon, jabeennaa fi qarooma Waaqaati. Wantii daallummaa Waaqaa fakkaattaa qarooma namaa irra jirti, ammallee wantii laafinna Waaqaa fakkaattaa jabeenna namaa irra jirti. Obboleeyyaan, gaafa Waaqii isan yaame waan durii keessa jirtan qaabadhaa! Nama tokko tokko malee isan namii hedduun akka namii sehu qarooma hinqabdan yokaan jabeenna hinqabdan yokaan ulfinna hinqabdan. Waaqii beekkummaa beekaaf akka qaroo ceersu, waan namii lafaa daallummaa sehu foohate; ammallee akka nama jajabaa ceersu waan namii lafaa laaftuu sehu foohatte. Innii akka waan namii jabduu sehu balleessu waan homaa hinbaane, ka namii tuffatu ka homaa hintahiin foohate. Tanaaf namii tokkolleen danda'ee fuula Waaqaa duraatti ufi hinguddisu. Ammoo Waaqii ya Kiristoo Yesusiin takkaa isan tolche, ammallee ya Kiristoo qarooma keenna tolche; marroo isaatiif nu ya Waaqaan walti araaramnee, gumii Waaqaa qulqulloo taane, ammalllee ya balchoollee taane. Tanaaf akkuma barreessiin, “Namii ufi koorsuu fedhu cuftii ha waan Aabboon tolcheen ufi koorsuu” jettu. Obboleeyyaan tiyya! Anin gaafa waan dhossa Waaqaa ta dhugaa isan barsiisuu gara keessan dhufee, duubbii jabduu dubbadhee, qarooma garsiisee hindhumne. Wantii akkanaatiif anin haga isan waliin jiru Yesus Kiristoo, ka fannoo gubbaatti du'e malee, akka waan cufaa didu kutadhe. Tanaaf anin gaafa gara keessan dhufe, lalaafee sodaan holladhee, haasaa fi dubbii tiyyaallee qaroomaan dubbachuu didee, jabeenna hafuura Waaqatiin haasa'e. Dhugeeffachaan teessan duuba qarooma namaa keessa hinjirtuu, ammoo jabeenna Waaqaa keessa jirti. Ammoo warra akka dansaa waan hafuuraa baraateetti anin qaroomaan dubbadha; qaroomii sunin ammoo ka lafa tanaatiiniti, yokaan ka jabeenna lafa tana fiduu ka hobba'uutti jiruuniti. Qaroomii anin dubbadhu qarooma Waaqaa ka nama dhossan; ka Waaqii qaraa guddinna keennaaf, adoo laftii hinuumamiin foohate. Hayyootii lafa tanaa tokkolleen qarooma kana hinbeettu. Adoo silaa beettee Abbaa guddinnaa fannoo irratti hinfanniftu. Barreessiin qulqulloon, “Waan namii takka argee hindhagayiin, waan namii takka hinherregin, Waaqii warra isa jaalatuu qopheesse” jetti. Waaqii ammoo hafuura ufiitiin dhossaa ufi nutti mullise; hafuurii waan cufaa, herrega Waaqaa ka gad fagoo dhossaa jiruuyyuu inlaala. Hafuura nama keessa jiruutti waan nama sun keessa jiraa beeka malee, namii dhibiin beekuu hindanda'u; akkasumaa hafuura Waaqaa callaatti waan Waaqaa cufaa beeka malee, namii tokkolleen herrega Waaqaa hinbeeku. Nu akka waan Waaqii nuu kenne cufaa baraannu, hafuura Waaqii nutti erge arganne malee, hafuura lafa tanaa hinarganne. Tanaaf nu waan warra hafuura Waaqaa qabu dhugaa hafuuraa barsiimnuuf, dubbii hafuurii nu barsiise dubbanna malee, dubbii qaroomaa ta namii nu barsiise hindubbannu. Ammoo namii hafuura Waaqaa hinqamne danda'ee kennamsa hafuurii Waaqaa namaa kennu hinargatu. Kennamsii sun homa tokkollee isaatti hinfakkaatu; waan namii hafuura Waaqaa qabu callaan danda'ee hubatuuf, innii waan hafuura Waaqaa hinqamneef danda'ee hinhubatu. Namii hafuura Waaqaa qabu danda'ee waan cufaa gargarii inbeeka, namii tokkolleen ammoo danda'ee isa hinbeeku. Barreessiin quluqulloon, “Eentu qalbii Aabboo beeka? Eentu danda'ee isa gorsa? Nu ammoo qalbii Kiristoo qamnaa” jetti. Taatuullee obboleeyyaan, anin qaraa akka nama hafuura Waaqaa qabuuttii dubbadhu isanitti dubbachuu dadhabee, ammoo akka nama nafa gula deemuu isanitti dubbadhe, akka ijoollee Kiristoo gula. Anin aanaan isan obaase malee sagalee jajjabduu isan hin nyaachiimne; wantii akkanaatiif isan waan kanaa kurfoo hintaane. Ammumaayyuu isan kurfoo hintaane, waan isan ammallee akka nama nafa gula yaa'uu jirtaniif, yo isan walqoxiftanii waldiddan, wantii kunin akka isan nama lafaa ka aadaa lafaa gula fidamuu hingarsiiftuu? Yo namii tokko, “Anin golii phaawuloos” jedhee, ka dhibiin, ammoo “Anin golii Apholos” jedhee, wantii kunin akka isan nama lafaa agarsiiftiiyyuu? Apholoon eennuu? phaawuloos eennu? Nuun laachuu hojjatoota Waaqaati ka gara dhugeeffachaa isan yaamne. Nuun cuuftii hujii ta Aabboon nuu kenne hojjanna. Anin sanyii oobree, Apholos bisaan obaasee, Waaqii ammoo midhaan sun baase. Waaqaa midhaan baasu sun malee, namii oobruu fi ka bisaan obaasuulleen homaa keessa hinjiru. Namii oobruu fi ka bisaan obaasu waan takkaa; Waaqii nama cufaa hujii innii hojjate gula wa kennaaf. Waantii akkasitiif nu hojjatoota Waaqaa waliin hojjattuu, isan oobruu Waaqaati, ammallee mana Waaqaati. Eebba Waaqii naa kenneen anin akkumaa ijaartuu manaa yayyaba manaa kaayee, yayyaba sun gubbatti namii dhibiin mana jaaruu jira. Ammoo namii cuftii akka jaaru laaluu male. Wantii akkanaatiif Waaqii ya qaraa Yesus Kiristoo yayyaba tokkocha tolchee, dandaanii yayyaba dhiibii hinkaayan. Namii garii warqiin jaara, ka garrii beesee, ka garii dhakaa gatii guddootiin, ka garii mukaa, ka garii buuyyoo fi aalaan jaara. Hujiin nama cufaa guyyaa Kiristoon dhufu mullatti. Ibiddii guyyaa sun hujii nama cufaa in mullisa. Ibiddii laaleeti jabeenna hujii garsiisa. Yo waan namii yayyaba gubbatti jaare ibidda itti keennee, isiin gubachuu dide namii sun wa argata. Ammoo yo isiin gubatte, namii sunin homaa hin argatu; ammoo innii akkuma nama ibidda keessaa bahee baha. Isan akka mana Waaqaa ufi hinmbeettanii? Ammallee akka hafuurii Waaqaa isan keessa taa'uu ufi hinbeettanii? Tanaaf nama Mana Waaqaa balleessu, Waaqiilleen in balleessa. Wantii akkanaatiif manii Waaqaa qulqulloo, isanilleen mana isaa sun. Namii tokkolleen ufi hin sobin! Namii waan guddoo qalbii qabu ufi sehuu, akka qaroomuu herrega namaa gula ha ufi daalleesuutii. Wantii akkanaatiif wantii namii lafaa qarooma seehuu, fuula Waaqaa duraatti homaa hinbaatu. Barreessiin qulqulloon, “Waaqii nama qaroo qarooma isaa keessatti xururaa keessa kaaya” jetti. Barreessin dhibiilleen, “Aabboon akka herreegii warraa qaroo homaa hinbaanee inbeeka” jetti. Isan ka Kiristooti, Kiristoolleen ka Waaqaati. Akka hojjataa Kiristoo ka waan dhossaa Waaqaa qorqoraatu nu herregaa. Wantii nama wa qorqoratu irraa fedhan amanamuu. Anin yo isan natti murtaniillee, yokaan yo namii dhibiin natti mureellee hinyaalu; anuu ufiitti hinmuru. Qalbiin tiyya qulqulloo, taatuullee anin, wallaala hinqabu ufiin hinjedhu. Namii natti muru Aabboo. Tanaaf adoo yohii hin gahiin, adoo Aabboon hindhufin nama tokkolleetti hinmurinaa. Murtiin muummee gaafa Aabboon mullatu taati. Innii waan dhossanii fi herrega garaa nama cufa diidaatti baasa. Namii cuftii gaafas galata argachuu male Waaqaa irraa argata. Obboleeyyan tiyya; marroo teessaniif, anin waan kana cufa naa fi Apholo fakkeese. Fakkeenna kana anin akka isan dubbii, “Akka dansaa aadaa gula yaa'aa” jettu hubattaniif jedhe. Isaniin tokkolleen nama tokko tuffattanii ka dhibii hinulfeesiinaa! Eentu nama dhibii irra si guddise? Waaqaatti waan atin qabdu cufaa sii kenneeyyuu? waan Waaqii sii hinkenniin maal qabda mee? yo isa irraa argattee, maaf akka waan atin qabdu kana cufa tolaa sii hinkenniin ufi guddifta ree? Amma waan feetan cufaa inqabdan! Isan amma dureeyyi! adoo nu hayyuu tahu dhibaanneellee, isan amma ya hayyoota taatan; anin silaa yo isan dhuguma hayyooya taatan guddoo fedha, akka nulleen isan waliin hayyuu taanu. Mala kiyyaa, Waaqii nuu ergamtotaatii kenne, akka nama ijjeechaa itti muraanii diidatti ijjeessanii, akka ammalllee ergamtootaa fi namii cuftii nu daawwatu, ya namaa gadi nu godhe. Mar. roo Kiristootiif nu daalle; ammoo isan karaa Kiristootiin qaroo! Nu lallaafoo, isan ammoo jajjaboo! Nu hintuffatanii isan ammoo in ulfeessan! Ammumaatanaallee nu beelaa dheebuu qamna; daaraallee inqamna; nu dhanaan, fulaa bultii hinqamnuu hujii olii gadi yayaana. Harka keennaan hojjannee indadhamana, nama nu abaaru in eebbimna; yo nu gaargalchan inoobsina. Yo nu arrabsaniillee afaan dansaa dubbanna. Nu huura lafa tanaa fakkaanna; haga ardhaallee nu xurii lafaati. Anin waan kana akka ijoollee tiyya ta jaaladhuu isan gorsuuf malee, akka isan ceersuuf hinbarreesine. Wantii akkanaatiif adoo nama kumaa kunkii ka waan Kiristoo isan barsiisu qabataanillee, abbaan keessan tokko callaa. Anin waan oduu dansaa isan barsiiseef, karaa Kiristoo Yesusitiin yaayyuu abbaa keessan ta'e. Tanaaf anin isan kadhadhaa akka kiyya ta'a. Mar. roo waan kanaatiif anin Ximotewos isanitti erga. Innii karaa Aabbootiin, ilma kiyya ka anin guddoo jaaladhee dhugeeffadhu. Innii jireena kiyya haareessa anin karaa Kirtootiin jiraadhu hima; ammallee akka anin gumii Waaqaa ta lafa cufaa barsiisu. Isaniin garii waan anin imaltuu gara keessan dhufu hinseetanii ya ufi guddiftan. Yo Aabboon jedhee ammoo, anin dhii'ootuu fulaa teessan dhufa, gaafas waan warrii ufi guddisu kunin danda'ee tolchu laala, waan warrii afaaniin jedhu callaaniti. Wantii akkasitiif mootummaan Waaqaa mootummaa jabeenna Waaqaa malee, mootummaa dubbii afaan callaan dubbataniinit. Maal feetan ree? Lichoo isaniin dhaanuun dhufa moo, garaa jaalalaatii fi ka laanatiin dhufa? Akka hammeennii shaarmuxoomaa hamaan, warrii Waaqaa hinbeenneeyyuu tolchne jidduu teessan jiru la dhagaye. Nama tokko ka niitii abbaa ufii barateetti isan keessa jira. Maaf ufi guddiftan ree? silaa fulaa ufii guddiftan laaleffatanii nama waan akkanaa kana tolche ufii keessaa balleessuu maltan! Anin adoo nafaan isan irraa fagoo jiraadheellee, hafuurii kiiyya isan waliin jira; ammallee anin akkuma waan isan waliin jiruu nama waan hamtuu akkanaa kana tolchee, ya wallaala itti mure. Yo isan maqaa Aabbo Yesusitiin walitti qabamtan anin hafuura kiyya, ka jabeeni Aabboo Yesusii nu waliin jiruutiin isanitti dhufa, nafa nama kanaa Sheexanatti kennaa akka balleessan, yoos hafuurii isaa guyyaa Aabboo inbaafamaa. Isan ufi guddisuu himmalle! Isan mammaassa, bukoo diqqoo tokkotti wa bukeessa jedhu hinbeettanii? Bukoo dullattii isan keessa jirtuu balleessaa! Akka qulqulloo taatan. Yoos akka qixxaa haareesaa bukoo hinqamne taatanii, akkuma isanii dhugaa jirtan. Wantii akkanaatiif jiltii teenna ta dabrsaa ya kurfoofte, Kiristoo hoolaa keenna ka dabrsaa ya qalan. Koottaa amma qixxaa bukoo dullattii qabu hin nyaannuu, sagalee jila teennaa nyaannaa, ka dabaa fi hameenna qabu; ammoo qixxaa bukoo hinqamne, qulqulloo dhugaa nyaannaa. Anin ergaa isanii barreesse keessatti, “Shaarmuxooma lagadhaa!” jedhe. Anin warra Waaqaa hin beenne shaarmuxa, sabdii seera cabsuu fi ka waan harkaan bochan kadhatu hinjenne. Yo warra kana lagattan lafa keessaa ba'uu maltan! Wantii anin jechuu jiru, nama “Anin la dhugeeffadhe” ufiin jedhee, ammoo shaarmuxooma deemee, sabdaa'ee, waan harkaan bocan kadhatee, nama arabsee, machaa'ee, hattuu lagadhaa! Nama akkanaa sagalee waliin hin nyaatiinaa! Namii tokko yo obboleessa ufitiin waldidee, innii akkamiin adoo gumiin Waaqaa warra walti hin araarsin jaarrolee Waaqaa hinbeenne dhaqa? Akka gumiin Waaqaa biyyaa lafaatti murtu hinbeettanii? Duuba isan yo biyya lafaatti murtanii, dubbii didiqqoo tokko qoruu hindandeettanii? Akka nu ergamtootaallee murruu hinbeettanii? Yo akkas taate, nu waan lafa tanaa hagas irra murraanitii? Yo wantii akkanaa kunin dhufte, nama gumiin hin ulfeesineetti geesitanii? Waan ceeraa taatan! Namii qalbii qabu ka danda'ee walti isan araarsu tokkolleen gumii teessan keessa hinjiruu? Obboleyyaan teessan maaf kora warra Waaqaa hinbeenneetti wali geessiti? Walhimachaan isan wali himattan tunin akka isan laaftanii haga hanqattan agarsiifti; yo silaa daba, isan irratti hojjatan irra isanii hinjirtuu? Yo silaa isan duraa wa saaman irra isanii hinjirtuu? Isan ammoo walti dabdaniitti walsaamtan; obboleeyyaan teessaniiyyuu saamtan. Isan dhuguma akka warrii daba tolchu mootummaa Waaqaa hinarganne hinbeettanii? Ufi hinsobinaa! Warrii ceeraa fokkoo hinqamne, ka waan harkaan bocan kadhatu, ka nadheen biyyaa hawadatu yokaan mittisaan, yokaan hattuu fi sabdiin yokaan namii machaa'uu ka nama arrabsuu fi ka nama sobee wa fudhatu, warrii kunin tokkolleen mootummaa Waaqaa hinargatu. Isaniin gariilleen durii namuma akkasiiti; ammoo amma ya maqaa Aabboo Yesus kiristootii fi hafuura Waaqaa keennaatiin isan dhiqanii, isan qulqulleessan, Waaqaan walti araaramtan. Namii tokko, “Wantii cuftii naa halaala” jedha; ammoo wantii sun cuftii isa hinqarqaartu. Aninilleen, “Wantii cuftii naa halaala” jechuu danda'a; ammoo wantii tokkolleen tissee na hintolfatu. Namii dhibiin, “Sagaleen garaa malte, garaalleen sagalee male” jedha. Waaqii ammoo waan sun lachuu inballeessa. Nafii namaa ka hameennaatinitii, ka Aabbooti; Aabboolleen ka nafaati. Waaqii ka Aabboo du'a keessaa kaase, akkasuma nullee jabeenna ufiitiin du'aa nu kaasa. Isan akka nafii keessan mittaa Kiristoo hinbeettanii? Anin mittaa Kiristoo tokko fuudhee nafa shaarmuxaa tolchaa? Hiyyoo, hintaatu! Yokaan akka namii shaarmuxaan walti maxxanee rafe nafa isaatii fi ka isii takkaa tolchu hinbeettanii? Barreessiin diideesiteetti, “Warrii lachuu takkaa taha” jettee himti. Namii ammoo Aabbootti ufi maxxansu hafuura keessa isaan takkaa taha. Hujii shaarmuxoomaa lagadhaa! Cubbuun dhibiin namii hojjatu tokkolleen nafa homaa hintolchitu; ammoo namii shaarmuxoomaa deemu nafa ufiitti cubbama. Akka nafii keessan mana hafuura qulqulloo, ka Waaqii isanii kennee, ka isan keessa taa'uu hinbeettanii? Nafii keessan keessaniinitii, ka Waaqaati; innii gatiin isan bitee, tanaaf nafa keessan suniin Waaqaa guddisaa! Amma waan gaafii isan barreesitanii dubbachuu fedha. Namii yo silaa nadheen fuudhu baate dansaa. Ammoo marroo hammeennii shaarmuxoomaa guddaan jiruuf, namii cuftii niitii ufii qabaachuu male, nadheen cuftiilleen dhiirsa ufii qabaachuu malte. Dhiirtii ha hujii ufii ta dhiirsaa niitii ufiitii guuttuutii, nadheen ha hujii ufii ta uwwaa dhiirsa ufiitii guuttuutii, namu cuftii wali quufsu male. Niitiin abbaa nafa ufitiinitii, ammoo dhiirsaatti abbaa nafa isiiti; akkasuma dhiirsiilleen abbaa nafa ufitiinitii, niitiiti abbaa nafa isaati. Yo haga diqqaa tokko ka Waaqaa kadhattan walii galtani, “Ee'ee” waliin jettan malee, wal hindhowatiinaa: ammoo achiin duuba hujii teessan ta dhiirsaa niitii guutaa, akka ufi qorqortii dhabdanii akkasiin ilaallachaa Sheexanaa keessa hinduunne. Anin waan kana akka seeraa hinjennee ammoo akka gorsaa isaniin jedha. Anin silaa nama cufaa ka akka kiyya jiru fedha; ammoo namii cuftii kennamsa Waaqii kenneef qaba, namii tokko kennamsa kana qaba, ka lammeessoo kennamsa dhibii qaba. Anin amma waan kana marroo warra nadheen hinfuudhinitii fi nadheen dhiirsotii irraa dhumatteef jedha; silaa yo akkuma kiyya kophaa taan irra dansaa. Ammoo yo danda'aanii ufi hindhowaree, fulaa dharraa hamtuun gubatan yo fuudhan irra dansaa. Warrii wali fuudhe akka gargar hin baane anin inajaja; ajajaan tunin tiyyaanitii ammoo ta Aabbooti. Niitiin dhiirsa qabdu diirsa jalaa bahuu hin malle; ammoo yo baatee ha kophaa ufii teettuu yokaan ha dhiirsaan walti araaraman; dhiirsiilleen niitii ufii lakkisuu hinmalle. Warra dhibiin ammoo Aabboo adoo hinta'in anin waan jedhuun, namii Kiristaanaa tokko yo niitii hindhugeeffanne qabaatee, duuba isiin isa waliin taa'u feetee, innii niitii sun lakkisuu hinmalle. Niitii Kiristianaa tokko yo namii hindhugeeffanne tokko fuudhee, duuba innii isii waliin taa'uu fedhee, isiin isa lakkisuu hinmalle. Wantii akkasitiif dhiirsii hindhugeeffanne niitii ufitiin qulqullaa, akkasuma niitii hindhugeeffanneelleen dhiirsa ufitiin qulqulloofti. Yo silaa akkas hintahiin ijoolleen warraa akka ta warra Waaqaa hinbeennee taati; amma ammo ya qulqulloofte. Isan keessaa namii hindhugeeffatin yo waahela ufitiin gargarii ba'uu fedhee, ammoo gargarii ba'uu indanda'aa. Yo akkas taatee namicha dhugeeffatee fi niitiin dhugeeffatteelleen ha waan fedhan tolchaniitii; waan Waaqi jireena nagaatiif isan yaameef. Sihii niitii! Dhiirsa kankee baaftuuti beettaa? Yokaan sihii dhiirsaa! Niitii tantee baafatuuti beettaa? Namii mana kadhaa cuftii kennamsa Waaqii isaa kenne gula jiraachuu male, ammallee akkuma gaafa Waaqii isa yaame jiru jiraachuu male. Seerii anin gumii cufaa barsiisu kana. Namii egii dhaqaanqabaa qaabatee yaamicha Waaqaa dhagayee, gadaannisa dhaqaanqabaa ufirraa balleessuu hinmalle; ammallee namii dhaqaanqabaa hinqabatin yo yaamicha Waaqaa dhagayee, innii dhaqaanqabaa qabachuu hinmalle. Seera Waaqaa guutuu malan malee, dhaqaanqabaa qabachuu fi qabachaa dhabuun homaa keessa hinjirtu. Namii cuftii ha akkuma gaafa Waaqii isa yaamee jiru taa'uutii. Gaafa Waaqii si yaame, atin tissee? Sun hinyaaliinii, ammoo yo balchooma argatte, fudhadhu. Wantii akkasitiif tisseen Kiristoon yaame ya balchaa taate; akkasumaa namii balchaan Aabboon yaame tisse isaa taha. Waaqii gatiin isan bitatee; tanaaf tisseellee namaa hintahiinaa! Obboleeyyaan, namii cuftii ha akkuma gaafa durii yaaman jiru Waaqaa waliin jiraatuutii. Amma waan uwwaa fi dhiira wali hinfuudhiinii ka isan natti barreesitanii, wantii isaani ka Aabboon natti hime hinjirtuu, ammoo akka nama naasuu Aabbootiin dhugeeffachuu malanii jedha. Yo gaargala amma keessa jirru kana herrennee, namii cuftii yo silaa akkuma amma jiruu kana jiraate dansaa. Amma niitii qabdaa? Yoos ufi jalaa hinbaasin! Amma niitii hinqabduuyyuu? Yoos niitii hinfuudhin! Ammoo yo dubra fuute cubbuu hin hojjanne; ammallee dubratiilleen yo fuudhan, cubbuu hinhojjane. Anin ammoo rakkinna warrii fuudhanii fi ka fuudhuulleen guyyaa cufaa argatu kana isan laguu fedha. Obboleeyyan tiyya wantii anin jechuu fedhuu, guyyaan alaatti hinhamne. Armaa achi warrii nadheen qabu akka nama nadheen hinqamnee ha tahuutii; warrii boohu akka nama hinboonnee ha tahuutii; warrii koblu akka nama gammada hinqamnee ha tahuutii; warrii wa bitatuu akka waan wantii bitan sun ka warraa hintahiinii ha tahuutii; warrii wa gurguru akka waan homaa irraa hinqamnee ha yaa'utii. Wantii akkanaatiif laftii tunin akka jirtu kanaatti guddoo hinturtu. Anin isanii wa yaaddan hinfedhu. Namii nadheen hinqamne waan Aabboo gammachiisuu fedhuuf, waan hujii Aabboo herrega; namii niitii qabu ammoo marroo niitii ufii gammachiisuu fedhuuf waan lafaa herrega; tanaaf moggaa lama gula isa hirkisan. Niitiin dhiirsa hinqamne yokaan intaltii dubraa marroo nafaa fi hafuura ufii Aabboo kennuu feetuuf, hujii Aabboo herreddi. Niitiin dhiirsa qabdu ammoo marroo dhiirsa ufii gammachiisuu feetuuf waan lafaa herreddi. Anin waan kana marroo isan qarqaaruu fedhuuf jedha. Anin homaa isan dhowuu hinfedhu. Ammoo akka isan waan qajeelaatii fi ka fulaa tolchitanii, hujii Aabboo garaa tokkoon hojjattan fedha. Waan nama walkadhatee, ammoo eegee walfuudhuu didee, ka isan natti barreesitanii, ani; “Yo namichii intala fuudhuu fedhu dharraan isaa ta intala sunii irrra guddoo jabduu taatee, innii intala sun irraa ufi dhowwuu dadhabee, intala sun ha fuudhuu” jedha. Namichii, ammoo yo ka namii tokkolleen hindhowwin, intala fuudhuu didee, yo dharraa nafa ufii dhowwuu danda'ee waan tolchuu malan garaa ufii keessaatti kutatee, yo fuudhu dideellee homaniti. Tanaaf namii intala sun fuudhu waan fulaa tolcha, ammoo ka fuudhu didu waan hagasii irra qajeelaa tolcha. Niitii dhiirsa qabdu, haga dhiirsii jiru namii dhibiin isii hinfuudhin; ammoo yo dhiirsii du'e, ha namii isiin feetu fuudhuutii; ammoo fuudhii sunin fuudha warra dhugeeffachaa qabuu ta'uu male. Ammoo silaa yo dhiirsa malee teette irra isii jirti. Wantii anin herregu tana, anilleen waan hafuura Waaqaa qabuu ufi seeha. Anin amma waan sagalee waan harkaan bocanii baasanii dubbadha: Dhugumaa nuun cuftii hubachaa qamna. Ammoo hubachaan akkanaa tunin nama ufi guddisiifti, ammoo jaalaltii nama jabeessiti. Namii waan wa beeku ufi sehuu haga silaa beekuu male hinbeeku. Ammoo nama Waaqaa jaalatu Waaqiilleen inbeeka. Tanaaf amma waan sagalee waan harkaan bocanii baasanii, akka wantii harkaan bocan sun fakkeenna waan hinjirree; ammallee akka Waaqii tokko callaan jiru nu inbeenna. Yo namii, waaqooti hedduutti jira jedheellee, gubbaa fi lafaallee, adoo waaqoota fi goftotii hedduun jiraateellee, nu Waaqaa tokko callaa beenna; innii Abbaa, ka waan cufaa uume, nu isaafjiraanna; ammallee Aabboo tokoo callaatti jira, inniilleen Yesus Kiristoo, ka wantii cuftii isaan uumamtee, nulleen isaan jirra. Ammoo namii cuftii dhugaa tana hinbeeku; namii garii ya waan harkaan bocan kana akka malee barate, yo sagalee akkanaa tana nyaatan cufa sagalee waan harkaan bocanii baasan seehan; herregii warraa waan laafaa, waan sagaleen sun warra xureesitu sehan. Sagaleen ammoo Waaqatti nu hindhi'eesitu; yo nyaachuu baanneellee homaa hin hirdhannu, yo nyaanneellee homaa nuu hindartu. Ammoo akka yo waan feetan tolchitan warra dhugeeffachaa didiqqoo kaan hinguffachiimne ufi eegadhaa! Fakkeennaa yo namii herregii isaa laafaa tokko, sihii hubachaa qaba jedhanii mana waaqaa dharaa keessatti sagalee waan harkaan bocanii nyaatu argee, wantii atin taatu sun duuba akka inniilleen sagalee sun nyaatu hintolchituu? Duuba namichii laafaan kunin, obbolleessii kankee ka Kiristoon du'eef, marroo beekkumsa keetiif bada. Karaa kanaan obboleeyyaan teessan ta qalbii laaftuu qabduutti cubbamtaniif, Kiristoolleetti cubbamtan. Yo sagaleen anin nyaadhu obboleessa kiyya gufachiiftee, anin akka obboleessa kiya hingufachiimne ittuma deebi'ee hin yaadu. Anin balchaanitii? Anin ergamaanitii? Anin Yesus Aabboo keennaa hinarginnee? Isan karaa Aabboo gulaan midhaan hujii tiyyatiinitii? Adoo namii garii ergamaa naan jechuu baateellee, isan inuma naan jettani! Isanummaanuu, marroo jireenna keessan ka Aabbootiif akka anin ergamaa hingarsiiftan. Yo namii natti game, karaa kanaan ufirraa dhowwa. Anin yo fedhe waan nyaadhee dhugu hujii tiyya keessaa, hin argadhuu? Anin waan ergamtootii dhibiin tolchitu, akka obboleeyyaan Aabboo yokaan Phexrosiilleen niitii ufii fudhatee himaltuun deeme, yo fedhe hintolchuu? Naa fi Baarnaabaas callaatti hojjatee sagalee teenna barbaadachuu malee? Eentu loltuu ta'ee horii ufiitiin hojjata? Yokaan abbaa oobruu kamiitti midhaan oobruu isaa hin nyaanne? Namii horii tissu aanan horii ufii hindhuguu? Anin waan seerii jedhu dubbadhe malee herrega namaa gulan hindubbanne. Seera keessatti: “Afaan qotiyyoo midhaan dhaantuu hinhidhiinaa!” Wantii jedhaa la barreeffamte; duuba Waaqii waan qotiyyoo callaa yaalaa ree? Waan kana innii nu hinbaannee? Waan kana nuufii barreessan! Namii qotuu fi ka muruulleen abdii midhaan argachaatiin hojjachuu male. Nu yo midhaan jireenna hafuuraatii barbaachisaa jidduu teessaniitti oobrinee, waan jireenna foonitii barbaachisaa isan irraa fudhannee isan dabsinee? Yo biyyitii waan kana isan irraa fudhatte, nu hagas irra isan irraa fudhachuu hin mallee? Taatuullee nu ammallee waan kana hinfudhanne. Nu ammoo waan cufaa akka gufuu tokkollee daandii oduu dansaa Kiristoo dura hinkeenne obsine. Dhugumaa isan akka warrii mana Waaqaa keessa hojjatu sagalee ufii achii argatu inbeettan. Ammallee akka warrii sooriyoo qalu qooda foon sooriyoo qabu inbeettan. Akkasumaa Aabboon ya warra oduu dansaa odeessullen, waan jirattanin achii argadha jedhe. Anin waan kana tokkollee hinfudhanne, yokaan anin akka waan kana argadhuuf ergaa tana hindhaamne; fulaa ufi guddisiitii tiyya waan homaa hinbaane tolchan du'a isaatti irra naa jira! Anin marroo oduu dansaa himuuf ufi guddisuu himalle; yo dhugaa dubbannee, anin danda'ee himuu hindidu; yo anin oduu dansaa himuu baadhe silaa guddoo naa hamtuu! Yo anin silaa hujii tiyya fedhiin hojjadhe horii naa baasuu malan; ammoo waan Waaqii akka anin hojjadhu natti keenneef inhojjadha. Maal keessaa argadha ree? Wantii anin argadhu, adoo waan kiyya tokkoollee oduu dansaa keessa hinbarbaannee, oduu dansaa horii malee himuu. Anin balchaa, tissee nama tokkoolleenit; anin ammoo akka nama hedduu argadhu tissee namaa cufaa ufi tolcha. Yo Yihudii waliin jiru, akka warra dabsadhu, akka Yihudii ta'a; warra seera gula yaa'u biraatti, adoo seera Muusee gula deemuu dhibaadheellee, akka warra dabsadhuu, akka nama seera gula deemuu ufi tolcha. Gosa seera hinqamne biraatti, warra dabsachuuf akka nama seera hinqamnee ufii tolcha; anin seera Waaqaa guutuu hindiduu ammoo seera Kiristoo jala jira. Yo warra dhugeeffachaa diqqoo qabu waliin jiruu, akka warra dabsandhu anilleen ufi laaffisa. Anin akka nama garii karaa danda'uu cufaan baasuu, nama cufaa ya waan cufaa tahe. Akka eebba isii keessaa argadhu, anin waan kana cufa marroo oduu dansaatiif tolcha. Waldoggoomsuu keessa nama hedduutti ori'aa, ammoo tokko callatti wa argataa; akkas hinbeettaniiyyuu? Akka wa argattan ori'aa duuba. Namii utaalcha barachuu fedhu cuftii waan hinfakkaanne irraa ufi dhowwuu male; innii akka surree haga jirtu hinteenne mataa gubbaa keeyatuuf akkas tolcha; nu ammoo akka ta haga jiruu jereenna teetu argannuuf akkana tolchina. Mar. roo waan kanaatiif anin fulaa hobbaatiitti utaala; anin akka nama waldhaanuu ka tantoommoo wali irraa hingorsinee jira. Anin akka yo anin dubbii Waaqaa biyyaatti hime na hindinnee, nafa kiyya tumeetti moohadha. Obboleeyyan tiyya, anin akka isan waan ababootii teennaa ta Musee gula yaatee taate qaabattan fedha; gaafas duumansii warra cufaa qorqorateetti, warrii cuftii galaana Shamuu nagayaan taakke. Dumansaa fi bisaan keessaalleetti warra Muusee gula yaa'u jedhaniitti, warra cuuphaan. Warrii cuftii qixxaa mamaa sun nyaatee bisaan mamaa sunuma dhuge; wantii akkanaatiif dhakaa mamaa ka warra gula deeme keessaa bisaan dhugan; dhakaan sun Kiristoo. Ammoo taatuullee Waaqii warraatti dallaneetti, reefii warraa lafa aloo cufa keessaatti bittinaa'e. Wantii kunin cuftii akeeka nuu taati, akka nu akkuma warraa waan hamtuu hindharraane. Yokaan akka nu akka warraa waan harkaan bocan hinkadhannee, akkuma barreessanii, “Biyyitii teetteeti nyaatee dhuddee kaatee sirbite” jette. Nu algalooma tolchuu hin male; akka warrii garii tolchee, guyyaa tokkoon namii kuunkii diddamii sadii raawate. Aabboollee lalaachuu hin malle, akka warrii namii garii tolchee, duuba bofii iddee warra balleese. Yokaan gungumuu hin malle, akka warrii namii garii tolchee, duuba ergamtootii Waaqaa du'a warraa balleesite. Wantii kunin cuftii akka nama dhibii akeeka taatuuf taate, ammallee akka nu gorsaniif barreessan. Wantii akkanaatiif nu bara muummeen dhi'aattee keessa jira. Namii waan ejju ufi seehu ka akka hinjinne ufi eegatuutii. Ilaalachaan namaatti dhuftu homaa qaraa lafa jiraati. Waaqii ammoo kakuu ufii jabeessa. Innii ilaalachaa isan irraa hafu hindandeenne isanitti hinlakkisu. Ammoo yo isan ilaalatan, innii jabeenna isan obsitanii keessaa bataniin isanii kenna. Tanaaf jaallaan tiyya, waan harkaan bocan hinkadhatinaa, biraa fagaadhaa! Anin akka waan isan nama qalbii qabuu isanitti dubbadhaa; waan anin jedhu herregaa. Yo muduunuu eebbaa ta Waaqaa galata deebimnuun dhunnu, dhiiga Kiristoo qoodachuutti hinjiruu? Yo qixaa cabsinee nyaannu, nafa Kiristoo qoodachuuti hinjiruu? Waan qixxaan tokko callaan jiruuf, nuun cuftii, adoo hedduu taaneellee, nafa tokko; wantii akkanatiif qixxaa tokko qoodanna. Gosa Israa'el qaabadhaa; warrii waan sooriyoo baasan nyaatu hujii fulaa sooriyoo itti qalaanii inqoodata. Anin maan jechuu jira? Waan harkaan bocanii fi sagaleen isii baassan homaa keessa hinjirtu jechuu jiraa? Hiyyoo! Wantii anin jechuu jiru, sooriyoo warrii Waaqaa hinbeenne qalu Waaqaa hinbaamnee, jinnii baasan. Anin isanii waahela jinnii taatan hinfedhu. Muduunu Aabbootii fi ta jinnii keessaa dhuguu hindandeettan; sagalee Aabbootii fi ta jinnii walti nyaachuu hindandeettan. Yokaan Aabboo qoxxisuu feenaa? Waan nu isa irra jajjaboo seetanii? Namii garii, “Wantii cuftii nu alaala” jedha; wantii sun cuftii ammoo isanii dansaaniti; “Wantii cuftii nuu alaala” jedhan, wantii cuftii ammoo nama hinqarqaartu. Namii cuftii waan ufii callaa yaaluu himallee, waan nama dhibiillee yaaluu male. Foon gabayaa keessatti gurguran cufa nyaadhaa, sodaattanii nama tokkollee hingaafatiinaa. Akkuma barreessiin qulqulloon jettuu, “Lafaa fi wantii keessa jiraa cuftii ta Aabbooti” Yo namii Kiristoo hindhugeeffanne mana ufiitti isan yaamee dhaquu feetanii, waan isan dura kaayan cufaa gaafii malee nyaadhaa. Ammoo yo namii tokko, “Sagalee tana ya waan harkaan bocanii baasan” jedhee isanitti himee, marroo namicha isaniitti hime suniifi herregii garaa isaalleen tuqamuuf hin nyaatinaa! Anin yaada garaa isaa baane malee keessan hinbaanne. Namii garii: “Anin maaf waan fedhu errega nama dhibiitii jedhee lakkisa?” jedha. “Eegii anin sagalee tiyyaaf galata Waaqaa deebisee nyaadhee, namii tokkolleen maaf waan hamtuu naan jedha?” Duuba waan tolchitan cufaa, yo nyaattanii dhuuddaniillee, marroo guddinna Waaqaatiif tolchaa. Yihudii, gosa dhibii fi gumii Waaqaa hingufachiisinaa! Akkuma anin tolchu tolchaa; waan tolchuu cufaan anin nama gammachiisuu fedha, akka namii cuftii baafamu waan dansooma kiyyaa hinherreguu, dansooma nama cufaa herrega. Akkuma anin fakkeenna (amala) Kiristoo fudhadhe isaniilleen fakkeenna kiyya fudhadhaa! Anin waan isan yo cufaa na qaabattanii barsiisaa anin isanitti kenne jabeesitaniif isan guddisa. Amma ammoo anin akka isan akka Kiristoon warra dhiiraa cufaa mataa, dhiirsii niitii ufiitii mataa, Waaqiilleen Kiristoo mataa beettan fedha. Tanaaf namii dhiiraa gumii keessaatti yo Waaqaa kadhatu yokaan yo dubbii Waaqaa haasa'u, yo mataa hagoggatee ufii ceersa. Nadheen yo gumii keessaatti hagooggoo malee Waaqaa kadhatte yokaan yo dubbii Waaqaa haasoofte mataa ufii ceersiti; isiin nadheen mataa haadatte fakkaatti. Nadheen yo mataa hagooggachuu didde, ha haadattuutii! Ammallee nadheen yo mataa haadatte yokaan ciratte waan ceeraatii, tanaaf hagoggachuu malte. Dhiirtii waan fakkennaa fi guddinna Waaqaa agarsiichuuf mataa hagoggachuu hinmalle. Nadheen ammoo guddinna dhiiraa agarsiifti. Wantii akkanatiif dhiiraa nadheen irraa hin humnee; ammoo nadheen dhiiraa irraa uuman. Nadheen dhiiraa jedhanii uuman malee, dhiira nadheenii jedhanii hinuumne. Akka akka jabeenna dhiirsa ufii jala jirtu agarsiiftuu, nadheen ergamtoota Waaqaa duraatti mataa hagoggachuu malte. Hataatuu malee, karaa Aabboo gula nadheen dhiirsa malee homaa keessa hinjirtuu, dhiirtiilleen nadheen malee homaa keessa hinjirtu. Akkuma nadheen dhiira irraa uuman akkasuma nadheen dhiira dhalti; ammallee wantii cuftii Waaqaa irraa dhufti. Nadheen ka hagoggoo mataa hinqamne Waaqaa kadhattu fulaa? isanumaan ufiitti muraa! Akka rifeensii dheeraan dhiiraa ceeraa, uumaminiiyyuu nu hinbarsiisuu? Nadheenii ammoo rifeena mataa dheeraan (yuubii) faayaanitii? Rifeensa dheeraa kana akka hagooggoo isii kennan. Namii naan mormuu fedhee, yo jiraate, ammoo wantii anin jechu fedhuu, nuu fi gumiin Waaqaalleen aadaa dhibii hinbeennu. Gorsa kana keessaatti, isan waan dansaa tolchitan hinjedhu; wantii akkanaatiif waldeennaan teessan waan dansaa hintolchituu, waan hamtuu tolchiti. Qarumaa fiixee, akka walideennaa teessan keessa yaadaan gargar bahiitiin jirtu la dhagaye; mala kiyyaa, wantii kun hagii garii dhugaa. (Akka nama qajeela jiru argan, wantii sun tahuu malte.) Isan yo walwaldeettan sagalee Aabboo nyaachuu hindhumne. Wantii akkanaatiif yo sagalee nyaattan, namii cuftii hurriseeti sagalee ufii nyaata, tanaaf namii garii adoo namii garii machaa'uu beelaan gala. Warra keessatti nyaattanii dhuddan hinqabdanii? Yokaan gumii Waaqaa tuffattaniitti, warra gaargala qabu ceersuu feettanii? Anaa maan isaniin jedhu feetan? Anaa waan dansaa isaniin jedhu feettanii? Anin waan dansaa tokkollee hinjedhu. Wantii akkanaatiif barsiisiin anin isan barsiisu tun tama Aabboo irraa argadhe; akkuma halkan isa qabanii gurguraan sun Aabboo Yesus qixxaa fuudhee, Waaqaa galata deebisee cacabsee, “Kunin nafa kiyya ka isanii jedhanii baasanii; waan kana tolchaa na qaabadhaa!” jedhe. Akkasuma eegii sagalee nyaattan, innii mudunuu fuudhee, “Mudunuun tunin ta kakuu haaraa ta dhiiga kiyya beesichu; yo keessaa dhuddan cufaa na qaabadha!” jedhe. Wantii akkanaatiif haga Aabboon dhufuutti, yo qixxaa kana nyaattanii muduunuu tana keessaa dhuddan cufaa isan du'a isaa himtan. Tanaaf namii yo adaba hamaan qixxaa Aabboo nyaate yokaan muduunuu Aabboo keessaa dhuge, innii ya nafa Aabbootii fi dhiiga Aabbolleetti cubbame. Namii cuftii ufi qorqorachuu male! Duuba qixxaa nyaatee muduunuu keessaa ha dhuguu! Wantii akkanaatiif namii yo adoo ulfinna nafa Aabboo hinbeekin sagalee sooraatee, muduunuu keessa dhugee, yo nyaatee dhugu cufa murtii ufitiin dhufa. Mar. roo waan kanaatiif isaniin hedduun fayyaa dhabdanii, laaftanii, hagii tokkolleen dhumattan. Nu yo silaa qaraa fiixee ufi laale, murtii Waaqaa keessaa hinduunnu. Akka nama lafa waliin nuttii mure ammoo, Aabbootti qoree nu qajeelcha. Tanaaf obboleeyyaan tiyya, yo sagalee Aabboo qulqulloo nyaattanii walwaldeettanii, wali eegaa. Namii beelaa qabu yo jiraate ha mana ufitii sagalee nyaatuu, akka yo walwaldeettan murtii Waaqaa keessa hinseenne! Waan hafe kaan yo dhufu midhaasa. Obbleeyyan anin amma waan kenniitii hafuuraa ka isan na gaafatan, akka isan waan isaa ka dhugaa barattan fedha. Akka gaafa isan Waaqaa hinbeenne, wantii harkaan bochan, ta homaa hinbaane, isan moohattee karaa irraa isan gorsite isanuu inbeettan. Akka namii hafuurii Waaqaa deemuun tokkolleen danda'ee Yesus hin abaare, ammallee akka namii tokkolleen yo hafuurii qulqulloon deemuu malee, danda'ee Yesusiin Aabboo hin jenne, isan hubachuu maltan. Wantii hafuurii namaa kennu hedduu jiraa, hafuurii ammoo tokkumaatti jira. Karaa hedduutti ka wahiin hojjatan jira, Aabbaan hojjataniif ammoo tokkumaatti jira. Humna hedduutti ta wahiin hojatan jira, ammoo Waaqaa tokko callaatti humna wahiin hojatan nama cufaa kenna. Akka walii wa bahu nama cufaa beesisa hafuura tokko kenne. Hafuurii nama tokkoo dubbii qalbii kennee, hafuurumaan sun ammoo nama dhibii dubbii hubachaa kenneef. Hafuurii nama tokkoo dhugeeffachaa kenne, ka dhibii cirrummaa kenneef; tokkoo jabeenna innii waan mamatiin tolchu, ka dhibii jabeenna dubbii Waaqatiin dubbatu; ammallee nama dhibii jabeenna innii kennitii hafuura irraa dhufteef ta irraa hindhufin himuun keenneef! Nama tokkoo jabeenna afaan dhibiin dubbatu kenne, ka dhibii qalbi afaan sun deebisuun kenneef. Ammoo hafuura tokkochaatti waan kana cufaa tolcha; innii akkuma fedhu nama cufaa kennii akka akkaa kenna. Wantii akkanaatiif Kiristoon akka nafa tokko, ka mittaa hedduu qabuu jira; innii adoo mittaa hedduu qabaateellee, nafii tokko calaa. Nuu Yihudiillee, warra gosa dhibiillee, tissee fi balchaalee, ya hafuura nafa tokkocha kanaatiin nu cuuphe; ammallee nuu cufa ya hafuura takka quufsan. Nafii mittaa tokko callaa hin qabuu, mittaa hedduu qaba. Yo silaa miilii, “Anin harkaanitii, tanaaf mittaa nafaatiniti” ufiin jedhee, suniin mittaa tahuu hindhowartu. Yo silaa gurrii, “Aanin ilaanitii, tanaaf anin mittaa nafaatintii” ufiin jedhef, tunin mittaa nafaa tahuu hindhowartu. Yo silaa nafii cuftii ila callaa taatee, maanti wa dhagaya? Yokaan yo silaa gurra callaa taatee, maanti wa suufa? Waaqii ammoo mittaa cuufa akka fedhu, nafa keessa naqe. Yo nafii cuuftii mittaa tokko tahe nafii wa jiraa? Dhugumaa mittaa hedduutti jira, ammoo nafii tokko. Tanaaf iltii dandeettee mataan, “Anin si hin feedhu” hinjettu. Yokhaan mataan miilaan, “Anin si hinfeedhu” hinjedu. Diqqoollee akkas hintaatu; mitta lalaaftuu nafa keennaa malee, nu dandeenne hinjiraannu, Nu mittaa homaanuu hinseenne guddoo qorqoranna; ammallee mittaa guddoo hin midhaannee guddoo jabeessina. Mittaa tamii midhaaguma guddoo hinfeene! Waaqii mittaa nafa keennaa, akka dansaa walti naqee uume, akka mittaan ulfinna feetu ulfinna argatu. Tanaaf nafii keenna gargarii qooda hinqabuu, mittaan cuftii wali qorqoratti. Yo mittaan tokko dhukkubde, nafii cuuftii indhukkubsata; yo mittaa tokko ulfeesan, nafii cuuftii gammada argata. Tanaaf isaniin cuftii nafa Kiristooti, namii cuftii mittaa isaati. Gumii keessaaleetti Waaqii nama cufaa ya fulaa kenneef; qaraa fiixee ergamtootaa, lameessoo raagoota, sadeessoo barsiisotaa; achiin duuba warra waan mamaa tolchu, warra dhukkuba fayyisu, warra nama qarqaaruu, warra nama dura yaa'uu fi warra afaan dhibiin dubbatu. Namii cuftii ergamtoota yokaan raagoota wa taatee? Yokaan barsiisaa wa taatee? Namii cuftii jabeenna waan mamaatiin tolchu, yokaan ka waan fayyaa dhabeen fayyisu, yokaan ka afaan dhibiin dubbatu, yokaan qalbii afaan suniin deebisu wa qabaa? Hiyyoo. Tanaaf garaa keessan waan jabduu irra keeyadhaa. Ammoo wantii waan kana cufaa irra jabduu karaa kana. Anin yo danda'ee afaan gosa cufatii fi afaan ergamtoota Waaqaatiin dubbadhee, ammoo jaalala hinqamne, dubbiin tiyya iyyana bilbilaatii fi qoonqqoo dhibii fakkaatti. Anin yo guddoo haasaa'uu beekee, qalbii cufa qabaadhee, waan dhossan cufaa beekee, dhugeeffachaa gaara buqiftu qabaadhee, ammoo jaalala hinqamnee homaa keessa hinjiru. Anin yo waan qabu cufaa biyyaa kennee, “Nafa kiyyaallee gubaa” jedhee, ammoo jaalala hinqamnee homaa naa hinbaatu. Jaalaltii wa obsiteetti namaa naati; jaalaltii hinqoxxiftu, ufi hinsaaddu, ufi hinguddiftu; jaalaltii miira guddinnaa ufooniti, hurree hindallantu; jaalaltii hameenna namaatti hinherreddu; hameenna namaalleetti hingammadduu, dhugaatti gammaddi. Jaalaltii ufi hinjibaattu; dhugeeffachaa, abdii fi obsii isii muummee hinqabu. Jaalaltii haga jiruu jireennaallee injirti. Dubbii Waaqaa hindubbattanii wantii sun ammoo haguu hinteettu; afaan dhibii inuma dubbattanii ammoo yoosuu hobbaan; hubachaan injirtii ammoo indabarti. Wantii akkanaatiif hubachaan teenna qixxeenti, dubbiin Waaqaa ta nu odeesinuulleen qixxeenti; ammoo yo wantii qixxee dhufte, ta qixee hintahin inbaddi. Gaafa anin ijoollee haasa'i kiyyaa, herregii kiyyaa fi hubachaan tiyyaalleen ta ijoolleetti; amma ammoo anin nama guddaa, waan ijoollumaa la keessaa bahe. Wantii nu amma garru kunin fakkeenna daawitii keessaa ka akka dansaa hinmullanne fakkaata; gaafas ammoo akka dansaa walagarra. Wantii anin ammaa tana beekhu qixxenti; ammoo gaafas qixxoofti, akkuma Waaqii naan beekhu qixxoofti. Amma duuba dhugeeffachaan, abdiin, jaalaltii, wantii kunin sadeenuu intaati; ammoo ta waan cufaa irra jirtu jaalala. Jaalala barbaaduu maltan. Abdii teessan kenniitii hafuuraa gubbaa keeyyachuu maltan, keesumaa kenniitii dubbii Waaqaatiin haasaan. Namii afaan dhibiin dubbatu waan namii tokkolleen waan innii jedhu hinhubanneef namaan hindubbatuu Waaqaan dubbata. Innii jabeenna hafuuraatiin dhugaa dhossaan dubbata. Namii dubbii Waaqaa dubbatu namaan dubbateetti qarqaaree garaa fi qalbiillee jabeessa. Namii afaan dhibiin dubbatu ufi callaa qarqaara, ka dubbii Waaqaa dubbatu ammoo gumii cufaa qarqaara. Anin isanii cufaa ka afaan dhibiin dubbattan fedha; sullee irra ammoo isanii cufa ka dubbii Waaqaa haasooftaan fedha. Wantii akkanaatiif namii dubbii Waaqaa haasa'uu ka afaan dhibiin dubbatu irra jira, akka gumii cufaa qarqaaru namii afaan dhibiin deebisu jiraachuu male akka gumii cufaa qarqaaru afaan deebisuuf jiraate male, akka gumii cufaa qarqaaran. Tanaaf obboleeyyaan, yo anin gara keessan dhufee afaan dhibiin dubbadhe maan isanii baati? Homaa tokkollee, isanii hinbaatu yo anin dubbii Waaqii mulliseen dhufe male, yokaan qalbii wahii, yokaan dhaamsa Waaqaa, yokaan barsiisaa wahitiin dhufe male. Me; mi'a sirbaa ka akka magalataatii fi kiraaraa heregaa; yo akka dansaa dhahan malee sirba dha'uu jiran sun namii tokkolleen hinhubataa? Iyyanaallee yo akka dansaa iyyan malee namii lolaa wa kurfeefataa? Akkasumaa yo atin waan namii hinhubanne dubbate, namii akkamiin danda'ee waan atin dubbattu hubata? Dubbiin tantee qilleensa keessa baddi! Afaan gosa hedduutti lafa keessa jira, cuftii ammoo wa jedhan. Anin yo afaan namii dubbatu hindhageennee, namii sun naa orma, aniilleen isaa orma. Isan yo waan kennitii hafuuraa feetaniif, waan waan cufa irra gumii qarqaaree jabeessaa barbaaduu maltan. Tanaaf namii afaan dhibiin dubbatu ha Waaqaa kadhatuutii, akka Waaqii kennitii afaan deebsanii isaa kennu. Wantii akkanaatiif yo anin karaa kanaan Waaqaa kadhadhee, hafuurii kiyyaalleen inkadhata, qalbiin tiyya ammoo keessa hinjirtu Yoos maan tolcha ree? Anin hafuura kiyyaa fi qalbii tiyyaalleen hinkadhadha; ammallee hafuura kiyyaan sirbeetti qalbii tiyyaalleen sirba. Yo atin hafuura callaan Waaqaa galata deebiftee, namii gumii teessan keessa taa'u kaan akkam danda'ee, “Ee'e jenne” jedha? Innii karaa waan atin jettuun hubatu hinqabu. Yo kadhachaan tantee ta atin galataan deebiftu dansaa taateellee, namichii kaan qarqaarsa hinargatu. Anin waan isanii cufa irra afaan dhibiin dubbachuu danda'uuf, Waaqaa galata deebisa. Hataatuu malee, kadhachaa gumii keessatti anin silaa dubbii shan ta namii cuftii hubachuu danda'u dubbachuu fedha, akka nama dhibii barsiisu, fulaa dubbii kuunkii shanii afaan dhibiin dubbadhu. Obboleeyyan tiyyaa! Herrega keessan keessaatti akka nama guddaa ta'aa malee, akka ijoollee hintahiina! Waan hammeennaatti ammoo ijoollee tahaa. Seera Waaqaa keessatti, “Anin warra kanaatti dubbadha; nama afaan dhibii dubbatuutti hidhii ormaatiin dubbadha yo sunillee ammoo gumiin tiyya na hincaqaftu” ka Aabboon jedhee la barreessan. Tanaaf afaan dhibiin dubbachuun warra hindhugeeffatnii akheekhaa, warra dhugeeffachaa qabu ammoo homaa keessa hinjirtu. Ammallee dubbii Waaqaa dubbachuun waan warra dhugeeffateeti, warra dhugeeffachaa hinqamnee ammoo homaa keessa hinjirtu. Gumiin cuftii walwaldeetee, namii cufti afaan dhibiin yo dubbatee, namii hindhugeeffatin yo alaa olseenee, isaniin cuftii ya maraattan hinjedhuu? Ammoo yo adoo namii cuftii waan Waaqii itti mullise haasa'uu jiru, namii hindhugeeffatin yo alaa olseenee, wantii isan dubbattan sun cuftii garaa isaa tuxeetti, akka cubbuu qabu ufiitti mura. Herrega isaa ka dhossaa mullisanitii, innii gadi jedhee Waaqaa kadhatee, “Waaqii dhuguma arma isan waliin jira” jedha. Obboleeyyan tiyya; wantii anin jechuu jiru kunin maan? Yo isan walwaldeettan, namii tokko sirba qaba, tokko barsiisa qaba, tokko waan Waaqii itti mullise qaba, ka dhibiin afaan dhibiin dubbata, ka dhibiin ammoo afaan dubbatame sun deebisa. Wantii cuftii silaa gumii qarqaaruu malte. Namii yo afaan dhibiin dubbachuu fedhe, namii lamaa sadii ha wali gula dubbatuutii, namii dhibiilleen ha afaan deebisuufii. Namii afaan deebisuuf yo hinjire, namii afaan dhibiin dubbatu sun ha ufiif Waaqaati dubbatuu malee, waldeennaa keessaatti hindubbatin. Namii lamaa sadii ka dubbii Waaqii warraatti mullise dubbatuuti; jarii kaan ammoo ha waan warrii dubbatu caqasuuti. Yo ammoo warra achi tataa'uu sun keessaa nama tokkoo dhaamsii Waaqaa irraa dhufee, namii dubbachuu jiru ha callisuuti. Akka namii cuftii wa baratee jabaatu, namii cuftii ha dubbii Waaqaa tokko tokkoon dubbatuutii. Kenniitiin dubbii Waaqatiin dubbattan ha nama dubbatu jala jiraatuuti. Wantii akkanatiif Waaqii akka nu walti goonu hinfedhu, ammoo innii akka nu nagayaan teennu fedha. Akkuma waldeenna gumii cufa keessa, nadheen callisuu malte waldeenna keessa. Isiin dubbachuu himmalle; akkuma seerii durii jedhe biyya dura deemu himmalle. Yo wa'i barachuu feete ha manaatti dhiirsa ufii gaafattuuti. Waan guddoo ceeraati yo nadheen waldeenna gumii keessatti hasoofte. Dubbiin Waaqaa fulaa teessanii baate? Gara keessan callaa dhuftee? Yo namii tokkolleen ergamaa Waaqaa ufi sehe yokhaan waan kennitii hafuura qabu ufi sehe, akka wantii anin barreesuu jiru kunin seera Waaqaa hubachuu male. Yo innii ammoo, waan kana caqasuu dide, dubbi isaa hincaqasiinaa! Tanaaf obboleeyyaan tiyya, garaa keessaniin akka dubbii Waaqaa hasooftan jaaladhaa, ammoo afaan dhibiin dubbachaa nama hindhowinaa. Waan cufaa karaa qajeelatii fi ka adabaatiin tolchuu malan. Amma obboleeyyaan tiyya, oduu dansaa anin durrii isanitti hime ta isan fudhattani jabaattaniin isan qaabsiisu fedha. Oduu dansaa suniin baafamtan, yo jabeesitan, yo ufumaa dhugeefattan male. Dubbii jabdu ta natti odeessan aniilleen isanitti dabarse: ta Kiristoon marroo daba keennaatiif du'e jettu, akkuma barreessii keessatti xaafan. Akkumaa xaafii keessatti xaafan isa awwalaan gaafa sadessoo isa kasan. Innii qaraa Phexroositti mullatee duuba eegii sun jara kudhanii lamaatti mullate. Eegii sun innii guyyaa tokko obboolleeyaan nama dhibba shaniitti mullate; warra keessaa adoo ta garii dooteellee ta garii ammallee injirti. Eegii sun Yaaqoobitti mullatee, ammallee eegii suniillee ergamtoota cufaatti mullate. Eegee quxisuu natti mullatee, adoo anin akka nama karaa mamaatiin dhalatee jiraadheellee. Wantii akkanatiif ani mandhaa ergattuu cufaati, ergattuu nan jechuu hinmallee marroo aniin gumii Waaqaa gargalcheef. Amma ammoo eebba Waaqaatiin ya ergamaa ta'e; eebbitii innii naa kennee ufumaa hinbanne. Anin ergamtoota cufaa irra jabaadhee hojjadhe; na adoo hinta'in ammoo eebba Waaqaa ta na keessa jirtuutti hojjate. Tanaaf adoo narraa yokaan warra irraa dhuftee, nuun cuftii waan kana barsiimna, isaniilleen waan kana dhugeeffattan. Yo dhaamsii keenna, Kiristoon du'a keessaa ya ka'e jedhuu, isaniin garii akkamiin, “Namii du'e hinka'u” jettan? Yo wantii sunin dhugaa taatee, yoos Kiristoollee du'a keessaa hinkaamne; ammallee yo Kiristoo du'a keessa hinkaasiin nu waan himnu hinqamnu, isaniilleen waan dhugeeffattan hinqabdan. Nu waan hagasi irra, Waaqaan kiyyibuu jirru fakaanna, waan, “Innii Kiristoo du'a keessaa kaase” jenneef. Yo akkii warra du'e hinkaamne dhugaa taate, innii isa hinkaamne. Yo warra du'e du'a keessaa hinkaasiin, Kiristoollee du'a keessaa hinkaamne. Ammallee yo Kiristoo du'a keessaa hinkaasiin dhugeeffachaan teessan waan dharaati, isan ammallee cubbuu keessa jirtan. Ammallee warrii durii Kiristoo dhugeeffatee du'ee ya bade. Yo abdiin teenna ta Kiristoo jireenna kana calla keessa jiraatte, nu nama lafa tanaa cufaa irra naasuu feena. Ammoo dubbiin dhugaa tana Kiristoo ya du'a keessaa kaasan, innii warra du'e keessaa nama qaraa ka du'a keessaa kaasan. Du'un karaa nama tokkootiin akkuma dhufte, du'a keessaa ka'itiilleen karaa nama tokkootiin dhufte. Akkuma namii cuftii karaa Adamuu gulaan du'e, akkasuma karaa Kiristoo gulaan nama cufa du'a keessaa kaasan. Namii cuftii ammoo fulaa ufii qaba; Kiristoon nama cufaa dura jira, eegii sun warra Kiristooti, gaafa innii dhufu. Gaafa muummeen dhuftu Kiristoon hayyoota, jabeennaa fi humna cufaa dabsateetti Finna cufaa harka Waaqaa Abbatti kenna. Kiristoon fidu malee, haga Waaqii nyaapha cufaa dabsatee miila isaa jala naquutti. Nyaaphii eegee quxisuu balleesan du'a. Wantii akkanaatiif barreessiin, “Waaqii ya waan cufaa miila isaa jala galche” jette; “Waan cufaa milla isaa jala galche” yo jettuu, Waaqii ka waan cufaa miila Kiristoo jala galche, akka ammoo ufii miila isaa jala hinjire diideesseetti mullisa; Sun waan gaafii qabaatiiniti. Yo waan cufaa miila Kiristoo jala galchan, yoos Ilmiilleen, ka waan cufaa miila isaa jala galchan, Waaqaa jalaa ufi kaya; Waaqii duuba waan cufaa karaa cufaan fida. Warra marroo nama du'eetiif cuuphan maan tolchan ree? Warrii maan tolchuu fedha? Yo akki warrii, “Namii du'e du'a keessaa hinka'uu” jedhu dhugaa taate, maaf marroo warra du'eetiif cuuphamna ree? Nu maaniif yo cufaa gaargala du'aa keessa ufi seensimna ree? Obboleeyyaan tiyy; guyyaa cufa du'atti harkaa na qaba! Anin waan kana marroo karaa kiristoo Aabboo keennaa gulaan, isaniin ufi jajuuf isanitti hima. Anin Adoo silaa Efeesoo keessatti bineensa alaa hadhee, marroo fedhii namaatiif, maal argadhe? Mammaassii tokkoo, yo nama du'e jireennatti hinkaamnee, “Arra nyaanneetti dhunnaa, bor indoona” jedha. Insobamiinaa! Waahelii hamaan adaba dansaa inyakkaa. Karaa keessan ka daba lakkisaa, qalbii teessanitti deebiyaa. Isan keessa namii garii waan Waaqaa hinbeeku; tana ammoo anin akka isan ceersuuf jedha. Namii tokko hegerii, “Nama du'e akkamiin du'aa kaasan? Nafa akkamii horataa?” jedheetti gaafata. Ati daalle! Midhaan ati facaaftee du'an malee, biqilaanii hinbaanii? Wantii atin oobritu sunin sanyuma, hegerii dargaayyee yokaan midhaan dhibii, malee midhaan bahu jiraatiiniti. Waaqaatti nafa fedhu midhaan sunii kenna, isumaatti nafa maleef kennaaf. Foon waan cufaa akka takkaa hinjiran: namii foon ufii qaba, bineensii ka ufii qaba; simpirreen ka ufii qabdi, qurxumiilleen ka ufii qabdi. Ammallee nafa lafatii fi ka gubbaatti jira; midhaagumtii ta lafaatii fi ta gubbaalleen injirti. Aduun midhaaguma ufii qabdi; ji'illeen midhaaguma ufii qaba; urjilleen midhaaguma ufii qabdi; wantii akkanaatiif urjii keessaallee isiin cuftii takkaaniti. Ka'iisii warra du'eelleen hegerii akkasuma ta'a. Reeffii awwaallan waan du'aatti; yo kaassan ammoo itti deebii'ee hindu. Fuulii yo awwaallan hamaa fi laafaa; gaafa kaassan ammoo midhaagaa dansaa. Yo awwaallan nafa dhaloota, gaafa kaassan nafa hafuuraa. Yo nafii dhalootaa jiraatee, nafii hafuuraalleen injira. Barreessiin qulqulloon. “Nama qaraa, Addaam, foon lubbuu qabaa uuman” Addamii, duuba ammoo hafuura jireennaa namaa kennu uuman. Nafa dhalootaatti duraatti dhufa malee, hafuurii duraatti hindhufuu, qaraa nafii dhalootaa dhufeette, eegee duuba nafii hafuuraa faana dhufa. Addamii qaraa biyyee lafatiin uuman; Addamiin lameessoo ammoo gubbaa dhufe. Warrii biyyee akka nama biyyeen uuman jira; warrii gubbaa akka nama gubbaa dhufee jira. Akkuma amma nama biyyee fakkaannu, akkasuma eegii tanaa nama gubbaa fakkaanna. Obboleeyyan tiyya, wantii foonii fi dhiigaa qabaa qooda mootummaa Waaqaa hinargattu, ammallee wantii du'aa dandeettee du'uu ufi hindhowartu. Nuun cuftii injijiiramna malee, hindoonu; wantii dhossaa ta ani isanitti himuuf jedhe tana. Hes 4:15-17 Akka ila lifsattu, hojja magalataa muummee dhaan. Wantii akkanaatiif yo dhaan, warra du'e akka deebi'anii hindoone du'a keessaa kaasan, nuun cuftii injijiramna. Wantii hobbaa waan hinhobbaane keeyyachuu malte; wantii du'aa waan hindoone keeyyachuu malte. Duuba yo wantii hobbaa waan hinhobbaane keeyyatte, ammallee yo wantii du'aa waan hindoone keeyyatte, gaafas dhugaan barreessan ta, “Du'aa la liqimsan; dabsachaan ya qixoofte!” jettu mullatti. Ee'ee Du'a dabsachaan tantee mee? Ee'ee Du'a dhukkubbiin tantee mee? dooti jabeenna namaan dhukkubsu cubbuu irraa argate, cubbuulleen jabeenna ufii seera irraa argatti. Ammoo galatii Waaqaa hinbadiin, ka marroo Aabboo keenna Yesus Kiristootiif dabsachaa nuu kennu! Tanaaf obboleeyyaan tiyya, jabaadhaa, ejjadhaa! Akka hujjiin Aabboo ta isan hojjattan akkasumaatti lafatti hin amne inbeettanii, Hujii Aabbo yo cufa jabbeessaa hojjadhaa. Amma waan horii gumii Waaqaa ta Yihudaa jirtun qarqaraan ka isan na gaafattan, anin akkana jedha: waan anin gumii Galaatiyaatiin tolcha jedhe tolchuu maltan. Guyyaa qaraa ka torbaan cufaa isaniin cuftii horii lafa kaa'uu maltan, waan argattan gula, akka yo anin dhufee horii waltii hinguurre. Eegii anin dhufee jara isan foohattanitii ergaa kenne, horii sun Yerusalem geessa jedhaan. Yo anin deemuu malee warrilleen na waliin yaa. Anin waan Maqedooniyaa dhaquu yaadeef, yo achi keessa ba'ee dabre gara keessan dhufa, wantii aakkanatiif anin Maqedooniyaa keessa dabru male. Anin bara dhaamoochaa cufa fulaa teessan taa'aa; anin fulaa deemuu fedhu cufa imaltuu tiyya deemaa, isan duuba wareega naa tolchitan. Anin haga diqqaa tokko callaa isan bira taa'uu hinfedhu, yo Aabbon jedhee, haga guddaa isan waliin taa'uu fedha. Ammoo haga guyyaa Phenxeqostee arma Efesoon keessa taa'u fedha. Adoo namii naan morku hedduun jiraateellee, balbaltii hujii jabduun hojjadhu ya armaatti naa banamte. Yo Ximotewos isaniin bahe, marroo inniilleen akkuma anin Aabboo hojjadhu hojjatuuf isa bulchaa! Namii tokkolleen isa hintufatiin! Ammallee wareega isaa tolchaa, akka innii imaltuu ufi nagayaan deemee gara kiyya deebi'u; wantii akkanaatiif anin obboleeyyaan waliin isa eeguu jira. Amma waan obboleessa keenna Apholos, anin guddoo itti dubbadhe, akka innii obboleeyyaan dhibii waliin gara keessan dhaqu, innii ammatana diqqoollee deemuu hinfedhu, ammoo yo qoomii argate indeema. Kurfoo taa'aa, dhugeeffachaa teessan keessaatti jabaadhaa, hinsodaatinaa jabaadhaa. Hujii teessan cufa jaalalaan hojjadhaa! Amma obboleeyyan tiyya warrii Isxifaanaas, Akaayyaa keessaa Kiriistaan qaraa akka ta'an inbeettan warra isaa hinbeettan; warrii ammallee ya akka gumii Waaqaatii hojjatu ufi kenne. Obboleeyyaan tiyya, warra akkanaa kanaa fi ammallee warra akka hojjatee gaargaluu cufa akka caqaftanii gula yaatan isan kadhadhaa. Dhufiisii Isxifaanaas, ka Fortunaaxosii fi ka Akaayqos ka fulaa teessan bu'an guddoo na gammachiise; ammallee akkuma isaniillee garaa jabeessan nallee garaa jabeessan. Nama akkanaa kana cufa ulfeessu malan. Gumiin kiristiyaanaa ta Asiyaa nagaya isanii dhaamti; Aqiilaanii fi Phriskaaniilleen gumii mana warra keessaatti walwaldeete waliin maqaa Aabbootiin guddoo nagaya isanii dhaamti. Obboleyyaan achii jirtu cuftii nagaya isan dhaamti. Dhungoo qulqulliitiin nagaya walfuudhaa! Waan kana anin harkuma kiyyaan barreessa: Phaawulos nagaya isanii dhaama. Namii Aabboo hinjaalanne cuftii ha abaaramuutii! “Maaraanaataa!” jechuun “Aabboo keenna, kootti!” jechuu. Eebbitii Aabbo Yesus isan waliin jiraatiinna. Jaalaltii tiyya karaa Kiristoo Yesus cufaan isan waliin taahin! Maqaan kiyya Phaawulos, ka fedhii Waaqaatiin ergamaa Kiristoo Yesus ta'e, ammallee obboleessa keenna Ximotwos waliin jira. Gumii Waaqaa ta Qorontos jirtuu fi ta Akaayyaa keessa jirtu cufaa ergaa tana erga; Waaqii Abbaa keennaatiifi Aabboo Yesus Kiristoon eebbaa fi nagayaa isanii kenninna! Waaqaa Abbaa Aabboo keenna Yesus Kiristootii, Abbaa naasuu, Waaqaa qarqaarsa akka cufaa namaa kennuu galatii ha ga'uu! Akka nulleen qarqaarsa Waaqaa irraa arganne suniin, dandeennee nama gaargala keessa jiru cufaa qarqaaru, gaargala keenna cufaa keessaatti nu qarqaara. Akkuma gaargala Kiristoo guddaa qoodannee, akkasuma marroo Kiristootiif qarqaarsa isaa guddaallee qoodanna. Nu yo gaargalle, marroo qarqaarsaa fi baafama keessanitiif gaargalla; yo nu qarqaaran isaniillee ya qarqaaran, irree ta isan gaargala akka keennaa obsitaniin isanii kennan. Tanaaf abdiin nu isan abdannu diqqumaallee hinchochoone; akka akkuma gaargala keenna qoodattan, akkasuma qarqaarsa nu argannullee qoodattan nu inbeenna. Obboleeyyaan tiyya, nu gaargala lafa Asiyaa keessaatti nu dhaqabe (nurra ga'e) isan qaabsiisu feena. Bahaan nurra kaayan waan guddoo, ammallee akka mallee nutti ulfaatte, tanaaf nu waan jiraannu ufi hinseene. Waan ijjeechaa nutti muran seene. Wantii kunin ammoo akka nu ufi hin abdannuu ammoo Waaqaa ka nama du'e kaasu abdannuuf taate. Waaqii gaargala du'aa ka akkasii sun la jalaa nu baase, hegeriillee nu baasa; akka innii ammallee nu baasuu nulleen abdii teenna isa irra keeyyanna, akkuma isaniilleen kadhachaa teessaniin nu qarqaaratan; duuba namii hedduun qoonqoo olfudhatee marroo teennaaf galata Waaqaa galacha. Wantii nu ufi guddimnuuf tana; herregii keenna akka dansaa nu beesisa, akka lafa tana keessa, keessuma jiddu teennaa fi teessan, nu garaa tokkoon dhugaa Waaqii nuu kennee fi eebbaa Waaqaatiin teennee, ammoo qalbii namaatiin hinteenne. Nu waan isan dubbichanii hubattan callaa isanii barreessina. Anin akka isan waan ammaatanaa akka dansaa hinhubatin in herregadha hegerii hubattan, akka guyyaa Aabboo Yesus isaniilleen akkuma nu marroo teessaniif ufi guddimnu marroo teennaaf ufi guddiftan. Waan kana akka dansaa beenna, anin akka isan marroo lama eebba argattan, imaltuu gara keessan dhaqu herrege. Akka imaltuu tiyya ta Yihudaa keessaa na qarqaartan, gaafa Maqedooniyaa deemuu fi gaafa galuullee isan irra bahu fedhe. Anin gaafa waan kana herrege waan akka hinjirre tahee? Anin yo wa herregu, akka nama lafaa herregaa? ka “Ee, ee” yokaan “Hiyyoo” fulaa tokkootuu jedhuu? Waaqii ka dhugaati, kakhuun tiyya, “Ee'ee” yokaan “Hiyyoo” jedhee gara keessan gargaggaluuniti. Wantii akkanaatiif Yesus Kiristoon Ilmii Waaqaa ka Silwaanos, naa fi ximotewos isaniitti himnee, “Eetii fi Hiyyo” jennuuniti. Innii “Eeti” Waaqaati; wantii akkaanatiif waan Waaqii kakhate cufa innii, “Ee'ee” jedha. Mar. roo waan kanaatiif marroo Yesus Kiristootiif nu “Ee'e jenne” jennee Waaqaa guddimna. Waaqaatti isan waliin nu jabeessa, jireenna keenna ka Kiristoo keessa; ammallee isumatti biyya irraa kophaa nu baasee, beessisa ufii nurra kaaye, ammallee Hafuura Qulqulloo ufii nuu kenne, akka qabdoo nuu taatu. Anin Waaqaa ka dhugaa tiyyaa yaammadha, innii garaa kiyya inbeeka! Anin akka isan hingaargalchineef Qorontos dhaqu dide. Waan isan dhugeeffachaan jabaataniif nu waan isan dhugeeffachuu maltan isaniitti himuutti hinjiru. Ammoo nu akka gammada argattan isan waliin hojjachuutti jira. Tanaaf anin waan kana la kutadhee; itti deebi'ee fulaa teessan dhufee isan hinlaaleeffachiisu. Wantii akkanaatiif yo anin isan laaleeffachiisee, warruma anin laaleffachiise sun malee, eennutti na gammachiisa? Mar. roo waan kanaatif anin ergaa tana isanii barreesse, akka yo anin fulaa teessan dhufe, warrii silaa na gammachiisu na hinlaaleffachiimne. Anin akka yo anin gammada qabaadhe isaniilleen gammada argattan inbeeka. Anin garaa hamaan imimmaan guddoo buusee, ergaa isanii barreesse, akka isanii laaleffachiisuuf adoo hinta'in ammoo akka jaalala tiyya guddoo isan garsiisu. Namii tokkolleen yo nama laaleffachiise na hinlaaleffachiimnee isan laaleffachiise; yokaan isan keessaa nama garii laleffachiise, taatuulle dubbii tana oowisuu hinfedhu. Akkii isan namii hedduun nama kana akkana gaargalchitan ingeetti. Isan ammoo amma akka innii guddooo laaleffatee ufi hinjibaanne isaa araaramtanii jabeessuu maltan. Isan akka akka dansaa isa jaalattan isa beessisuu maltan. Mar. roo waan kanaatiif anin ergaa taan isanitti barreessee, isan laalladhee, ammallee akka isan barsiisaa tiyya gula yaatan hubachuu fedhe. Yo isan nama tokkoo araaramtan anilleen isaa ya araarame. Anin yo dhuguma namaa araaramu, marroo tessaniif fuula Kiristoo duraatti araaramaaf, akka Sheexanii nu hindabsanne; wantii akkanaatiif nu maltee isaa inbeenna. Anin oduu dansaa Kiristoo himuuf Xaro'aas bahee jennaan, akka Aabboon karaa hujii naa bane arge. Ammoo waan obboleessa keenna Tiitoos achiitti hinargiiniif guddoo laaleffadhe. Tanaaf anin biyyaan “Nagayaatti” jedhee, Maqedooniyaa dhaqe. Ammoo galatii Waaqaa hinbadiin! Yo nu karaa Kiristoo keessa jiru, Waaqii yo cufa akka nama Kiristoon booji'ee dabsachaan galchuu nu yaasa. Akka urgaa qayyaa ta fulaa cufa yaatuu, Waaqii nama cufaatti Kiristoo karaa kennaan mullisa. Wantii akkasitiif nu akka urgaa qayyaa ta Kiristoon Waaqaa aarsee, duuba warra baafamuu fi ka baduulleetti aaruu fakkaanna. Warra badu ajaan tun inijjeefti; warra baafamu ammoo urgaan tunin injireessiti. Eentu hujii tana tolchu dandaa ree? Nu akka warra dubbii Waaqaatiin nagaaduu (daldaluu) hinjiru; ammoo marroo Waaqii nu ergeef, akka nama dhugaa, ka hojjataa Kiristoo fuula isaa duraatti dubbanna. Nu waan ufi guddisu jirru fakaannaa? Yokhaan akka biyya garii ergaa ufiin beesimnu isaniitiin dhumnee? Yokaan isan irraa fudhachuu mallee? Ergaan teenna, ta akka namii cuftii dubbisee baratu garaa keenna keessaatti barreessan isan. Kiristootti ergaa tana barreessee harka keennaan erge. Dhakaa gubbatti qalaamuun hinbarreesinee garaa nama keessatti hafuura Waaqaa jiruutiin barreessan. Wantii nu waan kana jennuuf marroo dhugaa Waaqaa Kiristoo keessaa qamnuuf. Wantii nu keessa jiraa, ta akka nu waan kana tolchuu dandeennu agarsiiftu hinjirtu. Jabeennii nu qamnu fulaa Waaqatii dhufa; isaatti akka waldhaqiisa haareessa kanaan hojjannu nu dandeessise, waldhaqiisii kun waan seera barreessanitinitii waan hafuuraati. Seerii barreessan du'aan dhufa, hafuurii ammoo nama jireessa. Seera durii dhakaa gubbaatti barreessan, yo seera sun kennan guddinnii Waaqaa inmullate. Adoo guddinnii sun badeellee, fuulii Muusee guddoo cululuqee, gochitii Israa'elii isa ilaaluu dadhabde. Yo Seerii, ka hujiin isaa du'aan dhuftu, guddinna kana cufaan dhufee, guddinnii hafuuraan dhufuu, hagas irra jira! Hujiin wallaala namatiin muran waan guddoo, ammoo hujjiin namaan, Wallaala hinqabdu jedhan hagasirra guddoo. Nu waan kana marroo guddinna guddaa amma jiruutiif jenna, guddinnii durii jiru amma hinjiru. Guddinnii yo waan haguma diqqaa tokko taahaa keessa jiraatee, waan haga hegerii taahaa hagasi irra keessa jira! Mar. roo abdii tana qamnuuf nu guddoo garaa jabaanna. Nu akka Muusee hinjirru, ka gochitii Israa'ellii cululuqa fuula isaa ka badu hingarree hagooggoo mataatti uyifatee. Qalbii warraa gaafas dukkaneesan; adoo kitaaba waldhaqiisa durii dubbisanuu, haga ardhaallee hagoggoon sun qalbuma warraa gubbaa teetti. Yo namii karaa Kiristoo keessa jiraate calla hagooggoo sun nama irraa fuudhan. Haga arraallee yo warrii Seera Muusee dubbisu hagooggoon qalbuma warraa gubbaa teetti. Ammoo dandaanii irraa hinfuudhan; barreessiin qulquulloon, “Muuseen gara Aabboo deebinaan hagooggoo irraa fuudhan” jetti. Aabboon armaatti baanaan hafuura; fulaa hafuurii Aabboo jiru balchoomaatti jira. Nuun cuftii guddinna Aabboo fuula hagooggoo hinqamneen akkuma daawitii mullimna; karaa kanaan akka isa fakkaannu guddinna muummee hinqamneen gara nu galchan; Aabboon akkana tolchu kun hafuura. Mar. roo naasu ufitiif Waaqii ya hujii tana nuu kennee, tanaaf nu ufi hinjibbaannu. Hujii dhossaatii fi ta ceeraa la lakkimne; nama hinsomnu, dubbii Waaqaallee hindhaareesinu. Dhugaa diidaatti dubbannee akka dhugaa qamnu Waaqaa duraatti nama cufaa garsiimna. Oduun dansaan nu himnu yo dhofamte, warra baduu jiru callaa duraa dhoffamte. Wantii warrii hindhugeeffanneef waan hamaan lafa tana keessa jiru qalbii warraa dukkaneeseef. Innii ibsee oduu dansaa ta guddinna Kiristoo keessaa dhuftu ta akka Waaqii jiru garsiiftu warraatti ibseetti la argu warra dhowwe. Nu waan keenna haasahuuttii hinjirruu, ammoo akka Yesus Kiristoon Aabboo, ammallee akka nu marroo teessaniif tisseellee isaa taanee haasuu jira. Waaqii, dukkana keessaatti ibseen ha ibsituu jedheeti ibsee tana garaa keenna keessatti ibse, akka ibsee hubachaa guddinna Waaqaa ta fuula Kiristooti ibsuu nuu keennu. Ammoo nu warrii horii hafuuraa kana qabu akka okkotee faaraa jirra; akka jabeennii guddaan ka Waaqaa malee, keenna hinta'in garsiimna. Mar. roo hedduu nu gaargalchan; ammoo takka nu hin macarsinne; yo garii inbaqannaa, ammoo takka ufi hinjibaanne; nyaapha hedduu qamnaa, ammoo takka jaala hindhamne; marroo hedduu madoomnaa, ammoo takka nu hinballeesine. Akka jireennii Yesus nafa keenna keessaatti mullatu yo cufa nafa keenna gubbaatti du'a isaa baannee deemna. Akka Jireennii Yesus nafa keenna keessaatti mullatuuf haga lafa tana irra jirru cufa marroo Kiristootiif jennee diqqumaa hindhumane (du'aatti ufii kennina). Tanaaf dooti nu bira ejjiti, ammoo jireennii isan bira ejja. Barreessiin qulquulloon, “Mar. roo dhugeefadheef dubbadhe” jetti. Akkasuma nulleen garaa dhugeeffachaatiin marroo dhugeeffanneef dubbanna. Nu akka Waaqii ka Aabboo Yesus du'a keessaa kaase, Yesus waliin nullee du'a keessaa kaase isan waliin fuula ufii duraan nu dhufe inbeenna. Wantii kunin cuftii marroo teessaniif taate; duuba akkuma eebbitii Waaqaa nama hedduu geettuun, namii akka maqaa Waaqaa guddisu galata Waaqaa deebisa. Mar. roo waan kanaatiif nu garaa hinlaamnu; adoo nafii keenna guyyaa cufa shameellee, garaan keenna guyyaa cufa haaraa taha. Gaargalii diqqaan yoosuu hobba'u, ka nu qamnu kunin eegii tanaa guddinna hegerii ka gaargala sun irra jiruun nuu dhufa. Nu waan mullataa abdachuuti hinjirruu, ammoo waan hinmullanne abdachuu jirra. Wantii mullataa haga diqqaa tokkoo callaa teetti, ammoo wantii hinmullannee haga jiruu jireennaa teetti. Yo waaroo lafaa, ta nu amma keessa teennu tana jechuun nafa keenna lafa tana irraa balleessanii, akka mana namii harkaan hinjaariin ka haga jiruu jireenna taa'u, ka gubbaa jiru, Waaqaa biraa qamnu in beenna. Amma waan warra keenna ka gubbaa jiru itti galuu feenuuf guddoo laaleffanna; wantii akkasiitiif nu yo warra suniitti gallee nama alaatti galu hinfakkaannu. Haga nafa keenna kana qamnu akka nama gaargalchanii laaleffanna; nu nafa keenna hinjibinuu, ammoo akka jireennii waan du'aa dabsatu nafa gubbaa fedhachu feena. Waaqaatti waan kanaaf nu kurfeesse, duuba innii akka qabdoo nuu ta'uu hafuura ufii nuu kenne. Tanaaf nu yo tokkollee hinsodaannu; akka haga nafaan jirru mana Aabboo irraa fagoo jirru inbeennaa. Wantii akkanaatiif jireennii keenna waan ilaan arganiinitii, waan dhugeeffachaati. Nu hinsodaannu; warra keenna nafa kanaan biraa yaaneetti Aabboo waliin taa'uu feenaa. Warra keenna kana keessaa fi achiilleetti nu waan cufa irra Aabboo gammachiisuu feena. Akka innii dubbii teenna qoree, namii cuftii waan nafaan tolchee ka argachuu mallee, hamtuu fi dansaallee, argatuu, nuun cuftii Kiristoo dura ejjuu malle. Nu akka Aabboo sodaachuu malan inbeennaa, tanaaf biyya garsiimna. Waaqii nu beeka, anilleen waan isaniilleen guddoo na beettan seha. Nu ammallee isan duraatti ufii dhugeessuu hinfeenuu; ammoo waan isan marroo teennaaf ufii guddisu maltaniif isanitti himna, akka isan warra nafa hammeennaatii fi ufi koorsu ka ammoo adaba hammeennaatii fi ufi hinkoorsine wa itti himatan. Nu yo maraanneellee marroo Waaqatiif maraanna; yo fayyaa qabaaneellee marroo teessaniif fayyaa horanna. Jaalala Kiristoon nu jaalatuutti nu qaba, amma akka namii tokko marroo nama cufaatiif du'e inbeenna, akkas jechuun namii cuftii ya du'e jechuu. Wantii innii nama cufaa du'eef akka namii tokkolleen ufiif hinjiraatuu, ammoo marroo nama isaaniif jedhee du'ee du'a keessaa kaasantiif jiraatu. Nu armaa achii aadaa namaa gula nama tokkollee hinqorru; yo durii aadaa namaa gula Kiristoo qorreellee, armaa achi hintolchinu. Namii yo Kiristoon takkaa tahe, uumama haaraa; wantii dullatiin ya dabartee, haareetiin ya dhufte. Waan kana cufaa Waaqaatti nuu tolche, ka marroo Kiristootiif walti nu araarsee, “Beenaa, nama walti araarsaa” nuun jedhe. Dhaamsii keenna akka Waaqii karaa Kiristoo gula nama ufiitti araarsu. Waaqii daba warraatti hinbarreessine, ammallee ya dhaamsa nagayaa kana harka keennaatti kenne. Kunoo, nu teenneetti marroo Kiristootiif dubbanna, akka waan Waaqii afaan keenna tahe isanitti dubbatu; marroo Kiristootiif isan kadhannaa, Waaqaan walti araaramaa. Kiristoon cubbuu hinqabuu, Waaqii ammoo marroo teennaaf akka nu karaa isaatiin qajeeluma Waaqaa argannu, isa cubbamaa tolche. Nu warrii hujjii Waaqaa waliin hujjannu, isan kadhannaa, eebba Waaqaa hinballeesinaa. Waaqii, “Anin yo guyyaan baafamaa dhufee si caqaseetti si qarqaara” jedha. Caqasaa! Yoh. ii fedhii Waaqaa barbaadattan kana, guyyaan baafama kana! Nu nama tokkollee ka wallaala hujii teennaa argu hinfeenu, tanaaf daandii nama tokkollee keessa gufuu kaa'uu hinfeenu. Ammoo waan tolchinu cufa keessaatti akka hojjatoota Waaqaa ufi agarsiisuu feena. Gaargala, dhiphuu fi hammeenna cufaa inobsina. Ya nu dhaananii, nu hidhanii, dhakaan nu hadhanii; hujiin ufi dadhabsinnee, hiriibaa fi sagalee malee yaane. Qulqulloomaan, beekkumsaan, obsaa fi arjoomaan, hafuura Qulqulloo fi jaalala dhugaatiif, akka hojjatoota Waaqaa ya ufi agarsiimne; Dubbii teenna ta dhugaatii fi jabeenna Waaqaatiin inhojjana; dhugaa akka waraanaa wanteetti ittiin hojjachuuf harka mirgichaa bittachaallee inqamna. Nu guddisanii, nu ceersanii; nu arabsanii, nu faarsanii, Kiyyibdoollee nuun jedhaniillee, ammoo nu dhugaa dubbanna; akka nama hinbeekkamnee jira, ammoo namii cuftii fuula nu beeka; waan nu doone sehanii, ammoo akka isan gartanii nu injirra. Adoo nu gaargalchaniillee, nu inijjeemne; nu adoo laaleffanneellee, yo cufa gammadaa qamna; hiyyeeyii fakkaannaa, ammoo nama hedduu duroomsina; waan homaa qamnu hinfakaannuu ammoo waan cufa inqamna. Jaallan teenna ta Qorontos jirtu! Nu ya diideesinee waan cufa isanittii himnee, garaa keenna isanitti mullimne. Nu garaa keenna isan duraa hin hiinnee; isanitti garaa keessan hidhe male. Anin akka waan isan ijoollee tiyyaa isanitti dubbadha. Waan nu isan seenu isaniilleen nu sehaa! Garaa keessan nuu banaa! Nama hindhugeeffatiiniin haga takkaa hinhojatiinaa, wantii sun hintaatu. Dhugaa fi wallaalii waahela walii tahu indandaanii? Ibsee fi dukkantiilleen waliin intaatii? Hiyyoo; Kiristoo fi Sheexanii waldhaquu indandaanii? Nama dhugeeffatee fi ka indhugeeffatiin maal wali irraa qaban? Manii Waaqaa, waan harkaan bocan ka warrii Waaqaa hinbeenne kadhatuun walii hintaanii? Nu Mana Waaqaa jirruuti! Akkuma Waaqii ufiin jedhe, Anin mana kiyya warra waliin jaaradhee, warra waliin taa, anin Waaqaa warraa tahee, warriilleen gumii tiyya taha. Tanaaf Aabboon, “Warra lakkisaa, biraa yaa! Waan xurii qabaa hintuqiina, yoosi anin isan fudhadhaa” jedhe. “Anin abbaa keessan tahe, isan ilmaan tiyya ta dhiiraati fi ta dubraa taatan, Aabboo Guddaan akkana” jedha. Kakuu tana cufa nuu kakatan, jaallaan tiyya! Tanaaf waan nafaa fi hafuura xureessaa lagannaa, qulqulloomnee sodaa Waaqaa keessa taa'uu mallee. Garaa keessan keessaatti fulaa nuu midhaasaa. Nu wallaala namuutuu hintolchinee, namuu hinballeesinee, yokaan homaa nama irraa hinfudhanne. Anin waan kana wallaala isanitti muruuf hinjedhuu; akkuma qaraa jedhee, nu waan guddoo isan jaalannuuf yo jirruu fi yo dooneellee yo cufaa waliin jirra. Anin waan guddoo isan amanuuf, marroo teessaniif ufi koorsa! Gaargala keenna cufa keesaatti garaa hinlaafuu, ammoo gammadaan qillixama. Eegii Maqedooniyaan baaneellee nafii keenna boqota hinarganne; fulaa cufa gaargala, waldidiisaa fi sodaatti garaa keenna keessa jira. Waaqii ka warra garaa laafu jabeessu ammoo, nu jabeeseetti Tiittoo nutti erge. Dhufiisa isaa callaaniti, innii ammoo akka isan isa jabeesitan nutti hime; ammallee innii akka isan guddoo na arguu feetanii fi akka isan marroo tiyyaaf laaleffatan, ammallee akka isan akka na qarqaartan kurfoo jirtan natti hime, tanaaf anin guddoo gammade. Adoo ergaan tiyya ta qaraa isan laaleffachiifteellee, anin waan barreesseef hingaabu; yo silaa akka ergaan sun haga diqqaa tokko callaa isan laaleffachiifte argee ufii gaaba. Amma ammoo, marroo isan laaleffachiseenitii, marroo laaleffachaan teessan daandii teessan irraa isan gorsiteef anin ingammada; laalefachaa sun Waaqaatti hujiin hojjate malee, nu homaa isan hintolchine. Laaleffachaa Waaqii hujiin hojjate sunitti garaa keessan gargalchee baafama isanii kenne, marroo waan sunitiif nu ufi hingaabinu! Laaleffachaan dhibiin ammoo du'aan namatti dhufti. Waan Waaqii laaleffachaa teessan tolche laalaa; isan jabaattaniitti ufii dubbattan, dalantanii, rifattanii, na herreddanii, oowitanii akka dhugaa tolchan barbaaddan! Dubbii tana cufa keessa akka nama wallaala hinqamnee ufi mulliftan. Tanaaf anin adoo ergaa sun barreesseellee, marroo nama wallaala tolcheetii fi marroo nama wallaala itti tolchaniifiillee hinbarreesinee, ammoo wannii anin barreesseef akka fuula Waaqaa duraatti akka isan nu jaalattan diideesee garsiisuuf. Mar. roo waan kanaatiif nu garaa jabaanne. Nu garaa callaa hinjabaannee; ammoo gammada Tiitoo arginaan guddoo ufiillee gammanne; isan cuftii Tiitoo qarqaartanii gammachiiftan. Anin guddoo waan keessan isaatti hime, isaniilleen na hinceersine; nu yo cufa ya dhugaa isanitti dubbanne. Akkasumaa wantii nu Tiitoon jenne ya dhugaa taate. Jaalaltii innii isan jaalatu ya itti daramtee duuba, yo innii akka isaniin cuftii kurfoo jirtan qaabate, akka isan sodaa fi naasuun isa fudhattan. Anin waan gammadee guddoo gammada waan anin danda'ee garaa tokkoon isan herregadhuuf. Obboleeyyaan tiyya, nu waan eebbitii Waaqaa gumii Maqedooniyaatii tolchite isan beessisuu feena. Gaargalii warrii argate guddoo warra laallate; ammoo adoo hiyyeeyyii, ta'aniillee guddoo gammadanii arjoomaanii namaa wa kennan. Waan anin isanitti himu, haguma dandaan kennan, ammallee waan sun irra; warrii akka gumii Yihudaa qarqaaraan fedhii ufiitiin guddoo nu kadhate. Nu waan warrii waan kana tolchu hinseene! Qaraa fiixee Aabboo ufi kennan; lammeesso ammoo, fedhii Waaqaa gula nuullee ufi kennan. Tanaaf nu Tiitoo, ka hujii tana itti keeyyate, kadhanne, akka innii dura dabree isan qarqaaree hujii jaalalaa tana waliin hobbaaftan. Isan waan qabdan cufa keessa, dhugeeffachaa, haasaa, hubachaa, qarqaarsa akka cufaatii fi jaalala teenna keessaleti guddoo dureeyyii; tanaaf nu akka hujii jaalalaa tana keessaalleetti jabaattan isanii kadhanna. Anin seera isanii baasuutti hinjiruu; ammoo haga biyyitii dhibiin qarqaaruu feete isan garsiisee, duuba akka jaalaltii teessan ta dhugaa argu fedha. Isan eebba Aabboo keenna Yesus Kiristoo inbeettan; innii dureessaa, ammoo marroo teessaniif ufi hiyyoomsee, akka hiyyumaa ufiitiin isan duroomsu. Anin yo silaa waan ganna dabre itti keeyattan hobbaaftan irra isanii goomtti seha. Isanii warra qaraa ka waan kana tolchee; sun callaanitii, ammoo isan warruma qaraa ka fedhii ufitiin waan kana tolchu fedhe. Akka akkuma itti keeyyattaniin hobbaaftan, jabaadhaa! Ammallee dura yaa'aa homa qabdaniin hobbaasaa! Yo isan wa keennuu feettanii, Waaqii homaa isan qabdan ka isan baaftan sun fudhata malee, waan isan hinqamne hinbarbaadu. Barreessiin qulqulloon, “Namii nama cufaa irra kuufate guddoo hinqabu; ka diqqoo kuufate ammoo guddo qaba” jette. Nu guddoo galata Waaqaa deebimna, ka Tiitoolleen akkuma nu isan qarqaarre isan qarqaare! Innii waan nu isa kadhanne callaa hinfudhannee; ufi baaseetti, akka gara keessan deemu herregate. Obboleessa tokko ka akka dansaa oduu dansaa haasa'uu beeku, ka gumiin cuftii saadduu, isa waliin isaanii ergina. Sun maleellee, gumiin akka innii haga nu hujii jaalalaa ta guddinna Aabboo hojjannee nama qarqaarru nu waliin deemu isa foohate. Akka namii tokkolleen haga nu horii baasan kana harkaa qamnu nu hinhimannee, nu guddoo ufi qorqoranna. Nu waan qajeelaa fuula Waaqaa calla duraanitii, fuula namaallee duraatti tolchuu feena. Tanaaf nu obboleessa keenna warra waliin ergine; nu marroo hedduu isa laallannee, akka innii yo cufa akka nama qarqaaru kurfoo jiru ya garre. Amma marroo innii guddoo isan dhugeeffatuuf akka isan qarqaaru haga qaraallee irra kurfoo jira. Isan yo waan Tiittoo dhaga'uu feetanii, innii waahela kiyya ka akka isan qarqaaru na waliin hojjatu; obboleeyyaan dhibii ta isa waliin yaatu ammoo gumiitti foohatee, warriilleen Kiristoo guddisa. Akka gumiin cuftii quuftee, akka wantii nu ufi guddimnuuf cuftii dhugaa agartuu, jaalala teessan warra garsiisaa. Wantii waan qarqaarsa gumii Waaqaa ta Yihudaa keessa jirtuutti ergan, ka anin barreessu hinjirtu. Anin akka isan nama qarqaaruu feetan inbeekaa, tanaaf waan kana warra Maqedooniyaatti hime. Anin, “Obboleeyyaan Akaayyaa jirtu haga ganna dabreetii akka warra qarqaartu kurfoo jirtii” jedheetti waan keessan dubbadhe. Hujiin teessan tuniin nama hedduu ya chochoofte. Akka wantii nu waan keessaniin ufi guddimneef dhara hintaanee, anin amma obboleeyyaan tana gara keessan erga, ammoo akkuma anin jedhee, isan qarqaarsa keessaniin kurfoo taahaa! Yo akkas hintahin, warrii Maqedooniyaa gaafa na waliin dhufee, akka isan kurfoo hintahiin argee, guddoo nuu ceere, waan nu guddoo isan dhugeeffaneef, ceera keessan lafa dhaabaa! Tanaaf anin herrege obboleeyyan tana kadhadhee, akka warrii nu dura dabree waan inkenninaa jettan duraatti kurfeessan. Gaafa anin dhufe ya kurfoo taate, Duuba wantii sunini akka isan irree malee kennu feettan agarsiifti. Waan kana qaabadhaa; namii sanyii diqqoo facaasuu, midhaan diqqoo murata; ka sanyii guddoo facaasu ammoo, midhaan guddoo murata. Tanaaf namii cuftii garaa tokkoon waan kutate ha baasuutii, waan Waaqii gammadaan namaa wa kennuu jalaatuuf, irreen hinjirtu. Waaqii akka isan waan feetan cufaa argattanii, ammallee irraa isanii haftee, hujii dansaa cufaan guutattanii waan isan feetan irra isanii kennu indanda'a. Akkuma barreessiin, “Innii arjoomaan hiyyeeyyii kenna, dansumtii isaa haga hegerii teetti” jettuu. Waaqii ka sanyii oobranii fi qixxaa nyaatan namaa kennuu, sanyii isan feetan cufa isanii kenna; ammallee innii sanyii sun, akka marroo arjooma keessanitiif isiin midhaan guddoo dhaltu inbaasa. Waaqii akka isan you cufaa arjaa taatan isan duroomsa; namii hedduun duuba marroo waan isan baaftanii harka keennaatti kennitanii, ka nu warraa kenninneef galata Waaqaa deebisa. Hujiin isan hojjatan tunin gumii Waaqaatii waan isiin feetu callaa hintolchituu, ammoo galata guddaa Waaqaa deebifti. Hujiin teessan tunin dhugeeffachaa teessan agarsiifti, tanaaf namii hedduun Waaqaa guddisa, waan isan akkuma dhugaa oduu dansaa Kiristoo jaalattanii guuttaniif, ammallee waan isan arjoomtanii warraa fi nama dhiibiillee geettaniif. Tanaaf warrii marroo eebba guddoo Waaqii isanii kenneetiif, garaa jaalalatiin isanii kadhata. Mar. roo qarqaarsa guddaa kanaatiif galata Waaqaa deebisu malle. Anin Phaawulos dansoomaa fi garaa laafinna Kiristoosiin jabeessee isan gorsa; gaaf ani isan waliin jiruu, “Diqqoo daafanaa naan” jedhan, ammoo yo anin fagoo jiruu, “Guddoo janna naan” jedhan. Gaafa anin dhufuu akka anin jannooma kiyya sun agarsiisu na hintolchinaa; wantii akkanaatiif anin nama “Isan waan lafa tanaatiif hojjattan” nuun jedhu diqqumaallee hinsodaadhu. Dhugumaa nu lafa tana keessa teenna; ammoo nu marroo waan lafaatiif hinanuu. Mihii nu waan lafa tanaatiin haanu ka lafaatiiniti, ammoo ka jabeenna Waaqaati, ka fulaa jabduu cufa balleessuu danda'u. Nu walmormitii dharaa cufa balleesineetti, waan nu guffachiisaa ka karaa keessa jiraa, ka Waaqaa hubachuu nama dhowaa balleessina; herrega keenna cufa akka innii moohatu Kiristoo kennina. Eegii isan akka nama dhugaa ufi agarsiiftan, nu akka hujii hamtuu cufa balleesinu kurfoo jira. Isan waan cufaa gama alaa laaltan. Eennu namii nama Kiristoo ufi seehu? Namii sun ha ammallee waan ufii herreguutii, wantii akkasitiif nulleen akkuma isaa nama Kiristooti. Anin adoo Jabeenna Aabboon nuu kenne kanaaf diqqoo ufi guddiseellee, diqqoo haganaallee hinceerfadhu, jabeennii kun ka isan jaaruu malee, ka isan balleessuniti. Anin nama ergaa tiyyaan isan sodaachiisu tahuu hinfedhu. Namii garii, “Ergaan Phaawulos guddoo jajjabduu jedha. Innii ammoo yo nu waliin jiru guddo laafaa, dubbiin isaa homaa hinbaatu” jedha. Namii akkanaa kunin, akka dubbiin nu yo fagoo jirru barreessinuu fi ta nu yo dhi'oo jirru dubbannu takkaa, ha hubatuutii. Nu jara ufi guddisuun diqqumaallee dandeennee walbira ufi hinqamnu. Warrii guddoo daalle! Seera ufumaan tolfateetti, duuba seera suniin ufi qora! Nu haga dabarree ufi hinguddimnu; haguma Waaqii nuu herrege callaa ufi herrenna, heregii sun hujii nu jidduu teessanitti hojjannu. Isaniilleen herrega sun keessa jirtan, tanaaf nu gaafa oduu dansaa Kiritoo isanii dhumneen herrega sun hindabarre. Tanaaf nu hujii namii dhibiin hojjate, ta qooda keenna keessa hinjirree jennee ufi hinguddimnu; ammoo akka dhugeeffachaan teessan guddattee, qooda Waaqii nuu herrege gula hujii hagas irra dansaa hojjachuu dandeennu inabdanna. Yoosi dandeennee oduu dansaa lafa isan duubaa keessaalleetti himna, akka nu hujii oobruu abbaa dhibii keessaatti hojjataniif ufi hinguddimne. Ammoo akkuma barreessiin jettuu, “Namii ufi guddisuu fedhu, ha hujii Aabboon hojjateefiin ufi guddisuu” Wantii akkanaatiif namii, yo waan ufii dansaa herregunitii yo Waaqii waan isaa dansaa herregu callaa dansaa taha. Yo anin diqqoo daallee taheellee, naa obisaa! Anin isan kadhadhaa. Anin akkuma Waaqii isanii jedhee hinaafu, marroo teessanii jedhee inaafa; wantii akkanaatiif isan intala gammee ta anin nama tokko callaa kennee fakkaattan; namii suniilleen Kiristoo. Akkuma boofii qaroomaan Hewwaan sobee, hegerii akkasuma qalbiin teessan hammaattee, jaalalaa Kiritoo qulqulloo lakkiftan jedheeti sodaadha. Isan ka nu isaniiti haasoomneenitii, nama dhufee waan Kiristoo dhibii isanitti haasa'u cufa hinfudhattan, ammallee isan hafuuraa fi oduu dhibii ta hafuuraa fi oduu dansaa nu isanitti himne hinfakkaanne fudhattan. Anin waan sehuun, warra ergamtoota ufiin jedhu sunii karaa tokkolleen maandhaniti! Anin hegerii guddoo dubbachuu hinbeekhu, ammoo hubachaa inuma qaba; waan kana nu ya marroo hedduu fi karaa cufaan isanitti himne. Anin gaafa oduu dansaa Waaqaa isanitti himee homaa tokkoollee isan irraa hinfudhanne; anin isan guddisuuf ufi diqqeesse. Waan kana anin wallaala tolchee? Gaafa anin jidduu teessan hojjadhee, gumii fulaa dhibiitti horii naa baase; anin warra duraa wa fudhadheetti isaniin qarqaare. Anin gaafa isana waliin jiru adoo horii fedheellee, takka isan hingaargalchine; wantii akkanaatiif obboleeyyaan Maqedooniyaa dhufte waan anin fedhu cufa naa kennite. Akkuma durii tolche hegeriillee intolcha; anin haguma jiru ba'aa ulfoo isanitti hinfahu! Dhugaa Kiristootiin kakadha, haga anin lafa Akkaayyaa tana keessa jiruu, namii tokkolleen danda'ee dubbii tiyya tana hindhaareesu. Anin maaf waan kana jedha? Mar. roo isan hin jaalanneefii? Akka anin isan jaaladhu Waaqiilleen inbeeka! Anin waan amma tolchu kana dura deemeetti tolchuu fedha, akka ergamtootii dhibiin taan qoommii argattee, akka keessani hojjanna jettee ufi hinodeesine. Warrii sunin ergmtoota dhugatiiniti, warrii ergamtoota dharaa, ta waan hujii ufii ta dharaa dubbattee ergamtoota Kiristoo ta dhugaa ufi fakkeesitu. Dubbiin tun mama hinqabdu! Sheexaniilleen ufi jijiree ergamtoota ibsee ufii tolchuu indandaa. Tanaaf yo ergamtootii isaa ufi jijirtee ergamtoota dhugaa ufi tolchiteellee waan diqqumaallee jabaatatiiniti. Gaafa muummee waan warraa malee argatan. Anin dubbii tana ammallee itti deebi'ee jedhaa namii tokkolleen daallee na hinsehiin. Ammoo yo na seetaniille, akkuma daallee na fudhadhaa, akka anin waan diqqoo tokko ta ufiin guddisu argadhu. Wantii anin amma dubbadhu kunin waan Aabboon fedhuuniti; waan ufi guddisiitii kana anin akka daallee dubbachuu jira. Ammoo marroo namii hedduun waan lafaatiif ufi guddisuuf aniilleen akkasi tolchuu male. Isan waan guddoo qalbii qabdaniif, waan namii daalleen jedhu dubbii malee obsitan! Nama isan moohatu, ka isan koofisu, ka xuruuraa keessa isan buusu, ka isan tuffatuu, ka isan dhabanaasuullee cufa inuma obsitan. Adoo ceeraallee taatee, nu waan akkasii tolchuu la sodaanne! Ammoo yo namii ufi guddisuu danda'ee akka daallee dubbadhaa beekaa aniilleen ufi guddisu indandaa. Yo warrii Ibroota ta'ee, aniilleen akkasuma gosa Ibruu. Yo warrii gosa Israa'elii ta'ee, aniilleen akkasuma gosa Israa'eliti. Yo warrii ilmaan Abrahaam ta'ee, aniilleen akkasum ilma Abraaham; warrii hojjatoota Kiristootii? Sunilleen ani irra jira; akka maraataa dubbadhaa–anin ya guddoo warra irra hojjadhe; ya warra irra na hidhan, ya warra irra na dhaanan, ya warra irra du'aatti dhi'aadhe. Guyyaa shan Yihuudiin marroo soddomii sagalii lichoon na dhaante; Roomotii marroo sadii uleen na dhaantee, marroo tokko dhakaan na dhoochee; marroo sadii hoboolloon naan caccabde, gaafa tokkoo halkaanii guyyaa bisaan keessa bule. Imaltuu tiyya hedduu keessaatti ya lubbuu arge, marroo bisaaniitii fi hattoollee gosa tiyya ta Yihuditii fi gochitii dhibiilleen ya lubbuu na naxxe; dira keessaatti, raasaa keessaatti, galaanaa fi jaallan dharaa biraalleetti ya lubbuu arge. Yo cufa hujii hojjadhee gaargalee marroo hedduu hiriiba dhabee beela'ee dheebodhee, marroo hedduu sagalee, da'oo fi wayaa fedhu ya dhabe. Waan dhibii lafuma dhaabii, guyyaa cufa baa ulfoo qaba, hujiin gumii Waaqaa cuftii na gubbaa jirti. Yo namii tokko laafe, aniilleen ya laafe; yo namii tokko daba keessa bu'uu, anin inlaalefadha. Anin yo ufi guddisuu malee, waan laafinna kiyyaa agarsiisuuf ufi guddisa. Maqaan Waaqaa, Abbaan Aabboo keenna Yesus Kiristoo, ha eebbifamuutii, akka anin hinkiyyimne innii inbeeka. Gaafa anin Damasqoo jiru, jaallabii hayyuu Areexaa jala hojjatu akka na qabu warra waraannaa karaa diraa keessa naqe. Ammoo daduu keessa na kaahaniitti qaa'a badaa manaa keessaan lafa na buusan, jennaan ka'ee baqadhe. Adoo homaa naa bahuu baatteellee anin ufi guddisuu male. Amma ammoo anin waan daayyaatii fi waan Aabboon natti mullise dubbachuu male. Anin nama Kiristaanaa tokkoo ka ganna kudhanii afuriitiin duraatti gara Waaqaa gubbaatti olfuudhan fuula beeka; (anin wantii kunin dhuguma taatuulllee, yokaan innii daayyaa arguullee Waaqaatti beeka malee, hinbeeku.) Anin ammallee itti deebi'eetti jedhaa, akka nama kana garaa Waaqaa gubbaatti olfuudhan inbeeka (ammallee, wantii kunin dhuguma taatuullee yokaan daayyaa taatuullee anin hinbeekuu, Waaqaatti beeka), achiitti innii waan arrabii namaa danda'ee hinjenne, ka afaan namaa silaa hindubbanne dhagaye. Tanaaf anin waan nama kanaatiif ufi guddisa; ammoo waan laafinna kiyyaa agarsiisa malee waan kiyyaan ufi hinguddisu. Anin yo silaa ufi guddisuu fedhe daallee hintahu; ammoo marroo dhugaa dubbadheef ufi hinguddisu; wantii akkanaatiif anin nama tokkollee ka na saadu hinfedhuu, ammoo akka innii waan anin tolchee fi ka anin jedhe callaa argee saadu fedha. Ammoo marroo waan dansaa anin argeetiif akka anin ufii guddisu na dhowan; waan akka qoraattiiti nafa kiyya keessaa na waraanee na dhukkubsa; wantii na dhukkubsaa kun akka ergamaa Sheexanaa taatee na gaargalchitee ufi guddisu na dhowarte. Anin waan kana marroo sadii Waaqaa kadhadhee, “Nara fuudhi” jedheen. Innii, “Eebbitii tiyya sii geeti; Yo atin laafaa jabeennii kiyya waan guddaa” naan jedhe. Mar. roo waan kanaatiif anin guddoo laafinna kiyyaaf ufi guddisa, akka jabeennii Kiristoo na gubbaa taa'u. Anin laafinna, arraba, dhibaa fi dhiphuu, gargala marroo Kiristootiif hindidu. Wantii akkasitiif anin yo laafaa guddoo jabaadha. Anin akka daallee tahuu jirra, ammoo isanitti na tolche. Namii silaa na oowisuu male isan; anin adoo homaa tahuu dhibaadheellee, ergamaa keessan sunii maandhaniti. Waan akka anin ergamaa na agarsiisaa cufa karaa obsaatiin jidduu teessan keessaatti tolchan; akeekaa, hujii jabduu fi waan mamaa jidduu teessanitti tolchan. Wantii dhibiin anin gumii Kiristiyaanaa taanii tolchee takka isanii hintolchin maal? Wantii isan irraa irdhate yo jiraate qarqaarsa callaa naa kennaa isaniin hinjedhin; wallaala kanaaf ammoo naa araaramaa! Mar. roon sadeesoo ka imaltuu gara keessan dhufu kanaa, anin diqqumaallee ulfinna isanitti tahuu hinfedhu. Anin isan fedha malee, horii keessan hinfedhu. Ijoolleen haadhaa-abbaa ufii nyaachisuu himmallee ammoo haadhaa-abbaatti ijoollee ufi nyaachisuu malte. Anin waan qabu cufa nafa kiyyaallee akkka isan qarqaaru gammadaan baasa. Yo anin guddisee isan jaaladhe, jaalaltii teessan dandeettee diqqaattii? Adoo anin durii bahaa ulfoo isanitti tahu dhibaadheellee, namii garii, “Innii mala warraati dhaateetti warra sobe” jedha. Anin akkamiin nama isanitti ergee karaa suniin isan dabse? Anin akka innii deemu Tiitoos kadhadhee, obboleessa dhibiillee isa waliin erge. Tiitooti isan daalleesse wa isan irraa nyaatee ree? Naa fi innii herrega tokkoo fi adaba tokko hinqamnuu? Isan waan nu haguma duriitii ufii dubbachuu jiru seetanii? Ammoo akkasinti! Nu isan jabeessuuf fuula Waaqaa duraatti, waan Kiristoon nuu dubbachuu fedhu dubbanna, jaallan tiyya ammallee nu waan tolchinu cufaa isaniin qarqaara. Yo anin achiin bahe isan akka anin fedhu hinjirtan, anilleen akka isan na feetan hinjirufaa sodaadha. Hegerii anin waldidiisaa, qoxxee, dallansuu, ufi jaalachaa, arrabaa, wali hamachuu, ufi guddisiitii fi hammeenna arga. Akka yo anin ammallee dhufu, Waaqii kiyya fuula keessan duraatti na diqqeessa, ammallee akka anin warra durii daba tolche, ammoo hammeenna sun ka akka daba algaloomaatii fi ka dharraa hamtuu irra hindeebii'in boohu insodaadha. Mar. roon sadeessoo ta anin imaltuu gara keessan dhufu tana. Kajellaan cuftii dhugaa lamaa sadii qabaachuu malte, akkuma barreessin jettuu Kajeellaan cuftii dhugaa lamaa sadii qabaachuu malte. Anin warra durii daba tolchee fi nama kaan cufa gorsuu fedha; anin duriillee, gaafa imaltuu lammeessoo gara keessan dhufe la jedhee, ammoo ammallee ka isan irraa fagoo jiru injedha; gaafa anin takkaa tanaa dhufuu, namii tokkolleen gaargala duraa hinbahu. Yo sun akka Kiristoon afaan kiyyaan dubbatu inargitan. Innii yo wa isan tolchuu laafinaanitii, jabeenna ufi agarsiisa. Adoo laafinnaan fannoo gubbaatti isa ijjeesaniillee, amma jabeenna Waaqaatiin jira. Nulleen karaa isaa gulaan lallaafoo; ammoo jabeenna Waaqaa ka gara keessan jiruun isa waliin teenna. Ufi laalaa, ufi qoraa, akka, dhugeeffachaa keessa teettanii ufi agartan. Isan akka Kiristoo Yesus isan keessa jiru beettuu? Yo isan ufi hinjibaatiin. Hegerii akka nu ufi hinjibaatiin inagartan. Nu akka isan daba keessa hinseenne Waaqaa kadhannaa akka nu waan dansaa hojjannee dabsannee agarsiiftuuniti, ammoo akka isan waan qajeelaa tolchitan, adoo nu nama ufi jibbaate fakkaanneelle. Nu inhojanaaf malee dandeennee dhugaa Waaqaa hin yakkinu. Nu yo ufii laamnee ammoo isan jabaattan ingammanna. Tanaaf nu akka isan qixxee taatan Waaqaa kadhanna. Mar. roo waan kanaatiif anin ergaa tana adoo fagoo isan irraa jiraadheellee, isanitti barreessa; akka yo dhufu, anin jabeenna Aabboon naa kenneen isanitti hindallanne, jabeenna isaniin jabeessu malee ka isaniin balleessuniti. Obboleeyyaan tiyya amma nagayaatti! Waan qixxoomaa barbaadaa; waan innii jedhu caqasaa; waldhaqaa, nagayaan waliin taa'a. Yoos Waaqii nagayaatii fi ka jaalalaa isan waliin taa'aa. Dhungoo obboleeyyanumaatiin waldhungadhaa! Gumiin Waaqaa cuftii nagaa isanii dhaamti. Eebbitii Aabboo keenna Yesus Kiristoo, jaalaltii Waaqaa waldhaqisii Hafuura Qulqulloolleen ha nu cufa waliin taa'uutii! Maqaan kiyya Phaawulos, anin ergamaa ta'ee namaan hindhumne, yokaan nama tokkollee biraa hindhumnee, ammoo karaa Yesus Kiristootii fi Waaqaa Abbaa, ka du'a keessaa isa kaaseen dhufe. Obboleeyyan arma na waliin jirtu cuftii gumii Galaatiyaa jirtuu nagaa dhaamti. Waaqaa Abbaa keennaatii fi Aabboo Yesus Kiristoon eebbaa fi nagaa isanii kenninna! Akka dhaloota hamaa kana keessaa nu baasu Kiristoon marroo daba keennaatiif ufi baasee, fedhii Waaqaa Abbaa keennaa guute. Guddinnii haga bara baraallee Waaqaa ha ta'u! Ee'e jenne. Isan guddoo na mamsiiftan! Yoosuu nama eebba Kiristootiin isan yaamee lakkiftanii, oduu dhibii gula yaatan. Oduun dhibiin hinjirtuu, anin ammoo waan kana, waan namii garii ka isan gaargalche oduu Kiristoo gaaragalchuu fedhu jiruuf jedhe. Ammoo yo nu, yokaan ergamaan gubbaa ba'ee, oduu nu armaan dura isanitti himne irraa gorsee ta dhibii isanitti himee, namii sunin ha abaaramuutii! Akkuma armaan dura isanitti himnee, anin ammallee irra deebi'eetti isanitti himaa; namii tokkolleen yo oduu isan qaraa fudhattan irra ta dhibii isanitti himee, namii sun ha abaaramuutii! Wantii kunin waan anin jaalala namaa barbaadu fakkaattii? Hiyyoo! Anin jaalala Waaqaa callaa barbaada! Anin nama hedduu ka na oowisu fedhaa? Anin yo silaa waan sun fedhe, hojjataa Kiristoo hintahu. Obboleeyyan tiyya amma waan kana isanitti hima! Dubbiin dansaan anin haasa'uu ta namii mataa ufitiin baafateeniti. Anin nama tokkoollee irraa hinarganne, yokaan namii tokkolleen na hinbarsiimnee, Yesus Kiristootti natti mullise male. Akka anin gaafa durii aadaa warra Yihudii keessa jiru, naasuu malee gumii Waaqaa gaargalchee balleessuu itti ka'e la dhageettan. Aadaa Yihudii keessaatti anin hariyyoota tiyya cufaa irra jira. Aadaa ababoota teennaa akka malee jabeese. Waaqii ammoo adoo anin hindhalatin eebba isaatiin na yaamee akka anin isaa hojjadhuu na foohate. Gaafa innii akka anin gosa dhibiitti oduu dansaa haasa'uu Ilma ufii natti mullisee, anin gara nama tokkollee gorsaa hindhandhe, yokaan Yerusaalem dhaqee warra na duraatti ergamtoota tahe arguu hindhandhe. Ammoo yoma tokkoon lafa Arabaa dhaqee, eegee Damaasqootti deebi'e. Eegee ganna sadii turee, Phexros irraa oduu fuudhuuf Yerusaalem dhaqee, torbaan lama fulaa isaa taa'e. Anin Yaqoobii obboleessa Aabboo malee, ergamtoota dhibii tokkollee hingarre. Dhugumaa Waaqaatii wantii anin barreessu kunin waan kiyyibaatiinitii waan dhugaati! Anin eegii sun lafa Sooriyaatii fi ta Qiliiqiyaa dhaqe. Haga kana cufa gumiin Kiristaanaa ta Yihudaa keessa jirtu fuulaallee na hinbeettu. Waan biyyitii waltii haasoofte, “Namiichii durii nu gaargalche kaan amma dhugeeffachaa durii balleessuu fedhe taan ta'ee barsiisa!” jette callaa beekhan. Tanaaf marroo tiyyaaf warrii Waaqaa gaalata deebise. Ganna kudhanii afuriin duubaatti Baarnaabaas waliin Tiitoollee fudhanee Yerusaalem dhandhe. Wantii anin deemeef waan Waaqii, akka anin deemuu malee, na garsiiseef. Kora kophaa keessaatti anin oduu durii gosa dhibiitti haasa'ee jaarroleetti hime. Anin hujii tiyya ta duriitii fi ta ammallee akka isiin baddu hinfeene. Waahela kiyya Titoos, adoo innii Giriikii ta'eellee, namii tokkolleen Qabaanqabaa qabadhu hinjenneen, ammoo jarii garii obboleeyyaan ufi tolcheetti, dhaqaanqabaa qabuuf fedhe; warrii sun akka balchooma nu karaa Kiristoo Yesusiitiin qamnu argee tissee nu tolchu, akka jaajusaa gumii teenna seene. Nu waan dhugaa oduu dansaa balleessuu hinfeeneef diqqoo tokkollee warra jalaa hinlaamne. Warrii ammoo nama gugurdaa fakkaatta; anin waan kana marroo waan warraa hin yaalleef jedha, Waaqii nafa namaa gula nama hinqoru, jaarroleen tun waan haaraa ka herredde tokkollee na hindarre. Warrii ammoo akka Waaqii hujii oduu dansaa, akkuma ta Yihudiitti himan Phexrosiitti kenne, ta gosa dhibiitti himan natti kenne arge. Akkuma Phexros ka Yihudii tahe, aninilleen jabeenna Waaqaatiin ergamaa gosa dhibii barsiisu tahe. Yaaqoob, Phexrosii fi Yoh. aannis, jarii jaarrollee fakkaatu, akka Waaqii hujii tana naa kenne arginaan, naa fi Baarnaabaasiillee jedhanii nu gula galanii, nu akka nama takkaa taanee gosa dhibii keessa hojjannu, warrii ha Yihudii keessa hojjatuu jenne walti buufanne. Warii akka waan hiyyeeyyii qarqaarsaa callaa herrennu nutti hime; suniilleen homa qaraa garaan na fedhe. Gaafa Phexros Anxokiyaa dhufee, anin waan innii wallaala tolcheef gumii duraatti isaan morme. Adoo namii Yaaqoob erge achiin hinbahiin, Phexros gosa dhibii waliin sagalee nyaate. Ammoo warrii kaan dhumnaan waan jara gosa dhibii dhaqaanqabaa qabuu fedhe kaan sodaateefii, gosa dhibii waliin sagalee nyaachuu dide. Obboleeyyan Yihudii taalleen akkuma Phexros sodaate; Baarnaabasiiyyuu sodaatee warra gula deebi'e. Akka warrii daandii qajeeltuu waan dhugaa ta oduu dansaa gula hindeemne arginaan, anin gumii duraatti Phexrosiin, “Atin gosa Yihudiitii, ammoo akka gosa dhibii ta'uu jirataa, duuba akkamiin dandeettee gosa dhibiin akka Yihudii ta'aa jetta ree?” jedheen Nu dhalootii keenna Yihudii malee, gosa dhibii ta cubbamteeniti. Ammoo nu akka dhugeeffachaa Yesus Kiristootiin qulqullummaa namaa herregan inbeenna; seera guutitiin homaa keessa hinjirtu. Wantii nuulleen Kiristoo Yesus dhugeeffanneef akka dhugeeffachaa nu Kiristoo dhugeeffanneen qulqullummaa nuu herregan, ammoo seera guutitiin hintaatu. Wantii akkanaatiif seera guutitiin nama tokkollee qulqullummaa hinherregan. Yo adoo nu akka karaa Kiristootiin dhugaa nuu herregan barbaannuu, ammoo akkuma gosa dhibii cubbuu nurraatti arganii, Kiristoon waan cubbuutiin dhufe ree? Hiyyoo, akkasiiniti! Anin yo waan durii cabse deebi'ee jaaree, akka anin akka nama seera cabsuu jiru agarsiifti. Seera gula anin ya du'e; seeraatti na ijjeesse akka anin Waaqaa jiraadhu. Ya Kiristoo waliin mukaa irraatti na fannisan, namii amma jiru ananiti, Kiristootti na keessa jira male. Anin jireenna amma jiru kana marroo dhugeeffachaa Ilma Waaqaatiif jira, ka na jaalatee jireenna ufii naa baase. Anin eebba Waaqaa hindidu. Yo seera guutitiin dhugaa namaa herregan, yoos Kiristoon ufumaa du'e! Isan warrii Galaatiyaa guddoo daalle! Ennuttu isan falfale? Akka Yesus Kiristoon fannoon gubbaatti du'e! Isan ya iluma teessaniin agartan. Waan tokko caallaa natti himaa, seera guunnaan hafuura Waaqaa argattan moo, oduu dansaa dhageettanii dhugeeffannaan argattan? Akkam akkana daallooftan? Qaraa hafuura Waaqaatiin itti keeyyattanii, akkamiin jabeenna keessaniin hobbaaftan? Wantii isan baraattan tokkoolleen homaa isanii hinbaanee? Dhugumaa, ya wa isanii baate! Waaqii yo hafuura ufii isanii kennee waan mamaa jidduu teessanitti tolchuu, marroo isan seera guuttaniif waan kana tolcha moo, waan isan oduu dansaa dhageettanii dhugeeffattaniif tolcha? Barreessii waan Abrahaam dubbattuu ta, “Innii Waaqaa dhugeeffannaan marroo dhugeeffachaa isaatiif Waaqii qulqullummaa herregeef” jettu la barreessan. Isan akka warrii dhugeeffachaa qabu cuftii dhaloota Abrhaam hubachuu maltan. Barreessiin, akka Waaqii dhugeeffachaan gosa dhibii qulqulluummaa herreguuf duru argitee jennaan, barreessiin oduu dansaa duriiyyuu Abrahaam barsiiftee, “Mar. roo teetiif Waaqii nama lafa jiru cufaa eebbisa” jette. Abrahaam dhugeeffateeti eebba argate; tanaaf nama dhugeeffatu cufaa akkuma isaa eebbisan. Warrii seera guutitii herregatu ya abaarame. Wantii akkanaatiif barreessiin, “Namii waan seera keessaatti barreessan cufaa gula hindeemne ya abaarame” jetti. Nama dandaanii seeraan, Waaqaa duraatti, dhugaa hin herreganiif, tun darree hinqabdu; wantii akkanaatiif barreessiin, “Namii dhugeeffachaan qulqullummaa herreganiif injiraata” jetti. Ammoo seerii dhugeeffachaa hinfedhu. Taatuullee barreessiin, “Namii waan seerii jedhu cufaa guutu sunumaan jiraata” jetti. Ammoo Kiristoon, ufii abaarsa nuu tahee, abaarsa seerii nutiin dhufu jalaa nu baase. Barreessiin, “Namii mukaa irraatti fannisan ya abaaram” jetti. Wantii Kiristoon waan kana tolcheef akka eebba Waaqii Abrahaamii kakatee, marroo Yesus Kiristootiif gosa dhibiillee kennan, ammallee akka nuulleen marroo dhugeeffachaatiif hafuura Waaqii kakate arganu. Obboleeyyan mee, fakkeenna kanaan hubadhaa yo namii lama wa irraatti waldhaqee ergaa gubbaa barressee, namii tokkolleen danda'ee waldhaqiisa sun hincabsu, yokaan itti hindaru. Waaqii kakuu ufii Abrahaamii fi ilma isaatti kakaate. Ilmaan isaa hinjettuu, ammoo “Ilmuma kankee” jetti. Akkasi jechuun ilmuma tokko calla, sulleen Kiristoo, jechuu. Wantii anin jechuu fedhuu, Waaqii waldhaqiisa tolche akka guutu kakate. Seerii ganna dhibba afuritii fi sodomaa eegii sun dhufee danda'ee waldhaqiisa balleesee kakuu Waaqaa guutamuu hindhowu. Wantii akkanaatiif yo dhaaltii seeraan taatee, yoos kakuun hintaatu; taatuullee Waaqii waan isaa kakateef Abrahaamii kenne. Seera maaf kennan ree? Akka wallaalaan garsiisaniif itti daran, seerii ammallee haga ilmii Abrahaam ka itti kakatan hin mullatin callaa jira. Seera amma nama jiddu jiru kana harka ergamtootaatiin namaa kennaan. Yo namii tokko callaan jiraate nama jidduu sun hin fedhan. Waaqii ammoo tokko. Wantii kunin akka seerii kakuu Waaqaatiin morku agarsiiftii? Hiyyoo akkasiiniti! Wantii akkanaatiif yo seera nama jireesu namaa kennanii, nami dandaan seeraan qulqullummaa hin herreganiif. Akka warrii dhugeeffate abdii warra Yesusii Kiristootti dhugeeffatee kakatan argatuu, barreessiin “Laftii cuftii jabeenna cubbuu jala jirti yaayyu” jette. Adoo yohii dhugeeffachaa hingahin, haga dhugeeffachaa mullisanitti seerii nuu cufa hidhe. Tanaaf gaafas seera suniitti nu qorqorate; akka haga Kiristoon dhufuutti nu barsiisu, akka dhugeeffachaan qulqullumaa nuu herregan. Ammoo amma dhugeeffachaan ya dhufte, nu barsiisa sun jala hinjiru. Wantii akkanaatiif marroo dhugeeffachatiif isaniin cuftii karaa Yesus Kiristoon ilmaan Waaqaa taatan. Isaniin kiristoon tokkaa ta'uuf cuuphamtan cuftii ya Kiristoo akka wayaa uyyifattan. Tanaaf Yihudii fi gochiti dhibiilleen tokkuma; tissee fi balchaalleen takkuma, dhiiraa fi nadheeniilleen tokkuma; karaa Kiristoo Yesus gula namii cuftii takkaa garaa garummaan hinjirtu. Isan yo ka Kiristoo taatan, yoos isan dhaloota Abrahaam; waan Waaqii kakateellee hinargattan. Laalaa, gurbaa abbaa dhaalu haga innii diqqaa cufa, adoo wantii cuftii ta isaa taateellee yo cufaa akkuma tissee tolchanii. Haga guyyaan abbaan dhaamatu gahuutti, haga innii diqqaa nama isa qorqoratee waan isaa cufaa tissuti jira. Akkasuma nulleen gaafa durii hafuuraan ijoollee, tissee qilleensa lafaa fiduuti. Ammoo yo'ii geennaan, Waaqii ilma ufii erge. Haadha namaatti isa dhale; seera Yihudii keessaa dhalate, akka warra seera jala jiruu balchoomsu; akka nu ilmaan Waaqaa taanu. Waaqii akka, akka nu ilmaan isaa agarsiisu, hafuura ilma ufii ka Aabboon, Aabboo kiyyaa jedhu ergee garaa keenna keessa kaaye. Tanaaf armaa achi atin karaa Waaqaatiin tisseenit, ilma malee; waan atin ilma isaa taateef Waaqii dhaala ufii cufaa sii kenna. Durii isan Waaqaa hinbeettanii, tanaaf tisseellee waaqaa dharaa taatan. Amma ammoo waan isan Waaqaa beettaniif yokaan waan Waaqii isan beekuuf, akkamiin dandeettanii herrega lafaa ka homaa hinbaane ka du'eetti deebitan? Maaf deebitanii tissellee warraa tahuu feetan? Isan guyyaa, ji'a, gannaa fi bara herreddani! Anin waan keessan insodaadha; hujiin anin jidduu teessaniti hojjadhe cuftii ufumaa baddii? Obboleeyyan tiyya, anin isan kadhadhaa akka kiyya tahaa! Anilleen akkuma keessan jira; isan homaa natti hindamne. Ani gaafa qaraa fiixee oduu dansaa isanitti himee, akka anin fayyaa hintahiin isanuu in beettan. Taatuullee gaafas adoo nafii kiyya gufuu isanitti ta'eellee isan akkuma ergamaa Waaqaa, akkuma Kiristoo na fudhattan malee, na hintuffanne yokaan na hin dinne. Isan gaafas guddoo gammaddanii, amma ammoo maantii lafa dhufe ree? Gaafas adoo dandeettanii akka isan ila teessanuu ufi keessaa fuutanii naa kennitan anuu isanii dhugaa! Amma dhugaa isanittii himnaan nyaapha keessan tahee ree? Jarii kaan guddoo isan sosoba, ammoo dansumtii keessa hinjirtu. Warrii akka waan warrii isan sehuu isaniilleen warra seetan, gargarii nu baasuu fedha. Duuba yo waan dansaaf nama jaalatan guddoo dansaa, wantii kunin yo anin isan waliin jiru callaanitii yo cufaa dansaa. Ijoollee tiyya, haga Kiristoon isan keessaatti mulatuutti, anin akkuma haatii nama dhaltu ciniinsifattee dhukkubsattuu, isaniif dhukkubsadha. Yo silaa isan waliin jiraadhe, guddoo fedha; akka waan keessan karaa dhibiin herregu. Anin guddoo waan keessan yaada! Isan warra seera gula yaa'uu fedhu, anin wa isan gaafadhaa, waan seerii jedhu hindhageettaniiyyuu? Abrahaam ilmaan lama qaba; tokko niitii tisseettiin, kaan ammoo niitiin balchittiin akka dhalteef la barreeffame. Ilmii niitiin tissee dhalte aadaa namaa gula dhalate, kaan ammoo ka niitiin balchittiin kakuu Waaqaa gula dhalate. Wantii kun akka mammaasaa; nadheen lamaan akka waldhaqiisa lamaa, tokko Aggaar ta gaara siinaa irraa dhufte, dhalootii isiilleen tissee. Aggaar gaara siinaa ka lafa Arabaa keessa jiru fakkaatti; isiin fakkeenna dira guddaa Yerusaalem amma jiru ka namii isa keessaa jiruu cuftii tissee qabdi. Yerusaalem ta Waaqaa gubbaa ammoo balchaa, isiin haadha teenna. Wantii akkanaatiif barreessiin, “Gammadii, niitii takka ilmee hindhaliin!” jetti. Iyyii qiliixami, atin namii takka ciniisifachaa dhaliisaa hinargin! Niitiin dhiirsii lakkise niitii dhiirsa qabdu taan irra ilmaan dhalti. Obboleeyyan tiyya, marroo kakuu Waaqaatiif isaniillleen amma akkuma Yisihaq ilmaan Waaqaatti. Gaafas ilmii aadaa namaa gula dhalate ilma hafuura Waaqaatiin dhalate gaargalche; ardhaallee akkasuma. Ammoo barreessin maan jetti? “Niitii tisseetii fi ilma isii gati, oofii, baas, wantii akkanaatiif ilmii niitii tissee ilma niitii balchaa waliin abbaa hindhaalu” jetti. Tanaaf obboleeyyaan tiyya, nu ilmaan niitii tissittiitiinitii, ammoo ta niitii balchaati. Akka nu balchoomaan teennu, Kiristoon ya balchoomaatti nu baase! Tanaaf akka balchaa ejaajjaa, itti deebtanii tissee hintahiinaa! Caqasaa! Anin Phaawulos, waan kana isanitti himaa, dhaqaanqabaa qabattaniif kiristoon homaa isanii hin bahu. Akka namii dhaqaanqabaa qabatu cuftii jabeessee seera gula yaa'uu male, anin irra dedeebi'ee waan kana himuu fedha. Isan warrii seeraan akka qulqulluummaa herreganiif feetan, la Kiristoo irraa ufi kuttanii, eebba Waaqaa irraa ala jirtan. Nu akka Waaqii jabeenna hafuura Waaqaa ka dhugeeffachaa teenna keessa hojjatu suniin, qulqulluummaa nuu herregu in eeganna. Wantii akkanaatiif nu yo karaa Kiristoo Yesus keessa jiraannee, dhaqaanqabaa qabachaa fi qabachuu dhabuulleen haga tokkotuu; wantii jabduun dhugeeffachaa, jaalalaan hojjattu. Isan qara waan dansaa tolchitanii! Amma ammoo akka isan dhugaa hinguunne eentu isan dhowwe? Innii akkamiin isan sosobe? Waaqii isan yaamee akkas isan hintolchine. Bukoo diqqoo tokkootti sagalee guddoo bukeessa. Anin ammoo akka isan waan dhibii hin herrenne karaa Aabboo gulaan guddoo isan dhugeeffadha; ammallee abbaa feete taanaaniillee nama isan gaargalchu, Waaqii hingaargalcha. Ammoo obboleeyyaan tiyya, anin yo dhaqaanqabaa qabachuu maltan jedhee barsiisee, ammallee maaf na gaargalchan ree? Yo anin dhaqaanqabaa qabachuu maltan jedhee barsiisee ergaan fannoo Yesus Kiristoo gufuu namatti hintaatu. Warrii isan gaargalchu kun adoo silaa ufi kolaasee irra dansaayyuu! Obboleeyyan tiyya, isan akka balchaa taataniif isan yaamanii, jaalalaan walii ergadhaa malee, dharraan nafa keessanii balchooma dabsattee isan hin moohatin! Seerii cuftii seera tokkocha, “Nama cufaa akkuma ufii jaalattuu jaaladhuu” jedhuu keessa jira. Isan ammoo yo akka bineensaa taatanii walhaatan, akka wal hinballeesin eegadhaa! Anin ammoo, “Hafuuraan qajeelfamaa jiraadhaa malee, dharraan nafa keessanii isan hinmoohatin” jedha Wantii nafii keenna fedhu waan hafuurii fedhuuniti; waan hafuurii feedhuullee nafii hinfedhu, warrii walii nyaapha; tanaaf waan tolchuu feetan dandeettanii hintolchitan. Yo hafuurii isan qajeelche ammoo seera jalaa jirtan. Wantii nafii fedhu diiduma teetti; walbaraachaa, xurii fi hujii hamtuu; falfalumaa fi waan harkaan bocan kadhatan. Namii nyaapha walti tahee, walhadhee, walqoxxisee, walti dallanee, ufi jaalatee, gargarii wali qoodee, walmorkee, farsoo dhugee machaahee, walballeessee, waan hamaamtuu akkanaa hedduu tolcha. Anin akkuma durii isanitti hime ammallee isanitti himaa, namii waan akkanaa kana tolchu mootummaa Waaqaa hinargatu. Buhaan hujii hafuuraa ammoo, jaalalafaa, qiliixamsufaa, nagafaa, obsafaa, naasufaa, dansoomafaa, dhugeeffatamufaa, ufi diqqeesitii fi ufi qorqorachaa dhalti. Wantii kun tokkolleen seera hinqabdu. Warrii Kiristoo Yesus gula yaa'u ammoo nafa ufii, dharraa fi fedhii isaa cufa waliin ya ijjeesse. Hafuurii ya jireenna nuu kennee, nulleen isaan jiraachaa gula yaa'uu malle Nu ufi saaduu hin malle, waldalansiisuu hin malle yokaan walqoxxisuullee hin malle. Obboleeyyan tiyya, yo namii adoo hinbeekhin wallaala keessa seenee, isan warrii hafuura Waaqaa qabu ha isa qajeelchuutii, ammoo karaa laanatiin tolchuu maltan! Isanuu akka ilaalachaa keessa hinseenne ufi eeggadhaa! Ulfinna walii baadhaa! Karaa kanaan seera Kiristoo guuttanii. Namii yo adoo homaa hinbaanee waan wa ba'u ufi sehee, innii ufi daalleessuu jira. Namii cuftii hujii ufii laaluu male. Yo dansaa taatee, adoo waan namii dhibiin tolcheen wali bira hinqamnee, ha waan tolcheen ufi guddisuutii. Wantii akkanaatiif namii cuftii ba'aa ufii baachuu male. Namii dubbii Waaqaa barsiisaan ha waan dansaa cufa nama isa barsiisuu waliin qoodatuu. Ufi hinsobinaa; namii tokkoolleen danda'ee Waaqaa hindaalleefatu. Namii cuftii homa oobre murata. Namii waan nafii isaa fedhu callaa oobrate, du'a murata. Yo waan hafuurii feedhu callaa oobrate, hafuurii sun irraa jireenna bara baraa argata. Tanaaf waan dansaa tolchuu dadhabuu hin malle; wantii akkanaatiif yo nu hin dadhabin, yo'ii nu murannu indhufa. Tanaaf haga qoommii qamnu nama cufaa waan dansaa tolchuu malle, keessumaa warra dhugeeffachaa akka teennaa qabuu. Akka anin harkuma kiyyaan gugurdisee barreessu laalaa! Warra ufi guddisuu fedhu, ka waan mullataatiin kiyyibutti, dhaqaanqabaa isanii qabu fedha. Wantii warrii akkasii tolchuuf akka fannoo Kiristootiif hingaargalle. Warrii dhaqaanqabaa qabatuulleen seera gula hin yaa'u, warrii akka isan aadaa dhaqaanqabaa tana qabattan fedha, akka akkasiin aadaa nafaa ta isan tolfatan tanaan, ufi koorsu. Anin ammoo waan fannoon Aabboo Yesus Kiristoo callaa saada; fannoo tanaaf laftii gara kiyyaan dootee, aniilleen gara lafaatiin du'e. Dhaqaanqabaa qabachuu fi qabachu dhabuun womaa hinbaatu; wantii waba'a uumama haaraa ta'iisa. Warra aadaa tana gula yaa'u, nagaa fi naasuun warraa fi Waaqaa israa'elille waliin hateettu Armaa achi, namii tokkoolleen na hingaargalchin; wantii akkanaatiif gadaannisii nafa kiyyaa akka anin tissee Yesusii agarsiisa. Obboleeyyan tiyya Eebbitii Aabboo keenna Yesus Kiristoo isan cufaa waliin jiraatinna! Ee'e jenne. Maqaan kiyya Phaawulos; anin fedhi Waaqaatiin ergamaa Kiristoo Yesus tahee, gara gumii Waaqaa ta Efeesoon keessa jirtuu, ta jireenna ufitiin Kiristoo Yesus dhugeeffatteetti ergaa tana barreessa. Waaqaa Abbaa keennaatii fi Aabbo keenna Yesus Kiristoon eebbaa fi nagaa isanii kenniinna! Waaqa, Abba Aabboo keenna Yesus Kiristoo ka nu eebbisee karaa Kiristoo gulaan eebba hafuura gubbaa cufa nuu kennee galata galchina! Adoo lafa hinuumin, Waaqii marroo jaalala isaatiif, akka nu qulqulloomnee aaboo malee isa dura yaanu, karaa Kiristoo gulaan nu foohate. Waaqii qaraa akka karaa Yesus Kiristootiin ilmaan isaa taanee, fedhii isaa gula guddifamuuf nu foohate. Koottaa Waaqaa galata deebimnaa, akka kennamsii naasuu guddaan, innii karaa ilma ufii jaalateetiin nuu kenne sun galata argatu. Waaqii waan qaraa herrege tolche, waan dhossaa ta Kiristoon, guutuu duraattuu nu beesise. Wantii Waaqii tolchuu fedhu, akka yo yohii ga'e, uumama lafa cufaa ka lafaa fi gubbaa jiru waltiin dhufee Kiristoo mataa tolchu. Wantii cuftii akka fedhii herrega Waaqaa gula taati, ammallee Waaqii fedhi ufiitiin herrega isaa ka qaraa kaan gula, karaa Kiristoo gulaan nu foohatee nama ufii nu tolfate Tanaaf nu warrii qaraa Kiristoo herregatu guddinna Waaqaa faarsina! Isaniilleen akkuma gaafa dubbii dhugaa dhageettan, oduu dansaa ta baafamaan isanii dhuftee, isan Kiristoo dhugeeffattanii jennaanii Waaqii beessisa ufii isan irra keeyyattee Hafuura Qulqulloo ka kakate isanii kenne. Hafuurii kun qabdoo teenna, akka nu waan Waaqii nu kakate argannu nu agarsiisa, ammallee akka Waaqii balchoomsa dhugaa warra ufiitii kennu hima. Guddinna isaa ha faarsinuu! Mar. roo waan kanaatiif anin haguma dhugeeffachaa isan Aabbo Yesus dhugeeffattanii fi jaalala isan gumii Waaqaa jaalattan dhagayee, marroo teessaniif Waaqaa galata galchuu hin lakkimne. Anin yo cufaa kadhachaa tiyya keessatti isan qaabadha, ammallee Waaqaa Abbaa guddinnaatii fi ka Aabboo keenna Yesus Kiristoo kadhadhaa, akka innii hafuura isan qaroomsee Waaqaa isanitti mullisee isan barattaniin isanii keennu. Wantii anin kadhadhu, akka qalbiin teessan banamtee ibsee isaa argitan, akka isan abdii innii itti isan yaamee fi eebba durummaa ta innii gumii isaatii kakate hubattan, ammallee akka jabeennii isaa, ka nuu warra isa dhugeeffate keessa hojjatuu guddaa hubattan. Jabeennii kunin kama innii Kiristoo du'a keessaa kaasee, harka ufii ka mirgaa gubbaa fulaa ufii teessiseen. Kiristoon achiitti hayyoota gubbaa, jabeenna, irree fi nama jabaa cufaa fida; innii maqaa ulfinnaa ka lafa tanaatii fi ka hegeriillee cufaa irra jira. Waaqii waan cufa ya miila Kiristoo jalaatti deebisee, akka innii mataa waan cufaa tahu, innii ya gumii Waaqaatti kenne. Gumiin Waaqaa nafa Kiristooti; qixxooma isaati, ka waan cufaa fulaa cufaatti qixeessu. Durii isan cubbuu fi wallaalaan lubbuu dootan. Yo sun karaa lafaa ka dabaa gula yaatan, hayyuu jabeenna ka qilleensa caqaftan, ka hafuura warra amma Waaqaa hincaqamnee moohatu. Nuun cuftii durii akka warra sunii jirra, dharraa nafa keennaa gula yaanee waan nafaa fi qalbiin teenna feetu callaa tolchine, ka silaa akkuma nama cufaa Waaqii nulleetti dalanuu male. Ammoo naasuun Waaqaa guddoo; innii guddoo nu jaalata; Eeguma nu dabaan doone, Kiristoo waliin du'a keessaa nu kaasee; isan kennamsa naasuu Waaqaatiin baafamtan. Innii Kiristoo waliin du'a keessaa nu kaase, akka isa waliin gubbaa nu teessisu. Wantii innii waan kana tolcheef, akka yo cufaa durooma eebba isaa, ka innii Kiristoo Yesus keessaa qabu, nu agarsiisu. Mar. roo kennamsa nasuu Waaqaatiif isan baafama argattan, karaa dhugeeffachaa gula. Waan isan ufiin tolfattaniiniti, ammoo tola Waaqii isanii kenne. Wantii isan ufi guddiftaniif hinjirtu, wantii akkanaatiif wantii kunin waan isan ufiin tolfattaniiniti. Nu uumamaa Waaqaati, ammallee Kiristoo Yesus keessa innii ya nu uume, akka hujii dansaa ta innii herrege nu kurfeesee keessa teennu. Isan warrii dhaloota gula gosa dhibii, ta Yahudiin warraa dhaqaanqabaa hinqabanne jettuun, ka ammoo ufiin nu warraa qabate jedhu (ta waan namii nafa ufii tolchuu), waan durii keessa jirtan qaabadhaa. Gaafas isan Kiristoo irraa fagoo jirtan. Isan ormaa, gumii Waaqaa ta foohatan keessa hinjirtan. Waldhaqiisa Waaqii gumii isaati kakate keessaa hinqabdan. Lafa tana keessa Waaqaa fi abdi malee teettan! Ammoo amma Kiristoon takkaa taanaan, isan warrii durii fagoo jiru ya dhiiga Kiristootiin gadi dhi'aattan. Wantii akkanaatiif Kiristoon ya Yahudii fi gosa dhibiillee takkaa tolchee nagaan nu dhufe. Nafa ufitiin dallaa warra gargarii qoodee nyaapha walti tolche cabse. Seera Yahuditii fi aadaa seera sunii cufaa balleessee, gosa tana lamaan walti naqee, akka nagaan nuu dhufu, gosa haara tokko ufiin uume. Du'a isaa ka fannoo gubbaatiin Kiristoon waljibbitii balleesse; fannoo ufitiin innii gosa lachuu takkaa tolchee Waaqatti deebise. Tanaa fi Kiristoon dhufee, oduu dansaa nagaa gosa cufatti hime isanii gosa dhibii ka Waaqaa irraa guddoo fagoo jirtanii fi Yahudiillee, ta isaatti dhi'aattu. Mar. roo Kiristootiif nuun cuftii, gosa dhibii fi Yahudiilleen, hafuura tokkoon fuula Abbaa dura dhumna. Tanaaf isan warrii gosa dhibii ardhaa achii ormaaniti, yokaan keessummaaniti; isan warra qulqulloo waliin amma gumii lafaa, warra Waaqaa! Isaniilleen yayyabuma ergamtootaa fi raagootii keette irratti isan jaaran, ka dhakaan jabaalleen Kiristoo Yesus. Isatti mana cufa walti qaba, akka manii sun mana Aabboo qulqulloo tahee guddatu. Isaniillee, karaa isaatiin nama dhibii waliin, jaaruutti jiran, akka mana Waaqii hafuura ufitiin keessa taa'u taatan. Mar. roo waan kanaatiif anin Phaawulos, ka waan Kiristoo Yesusii ajajamee isanii gosa dhibiitii dhugeesseef hidhan, dhugumaan isan hujii kennamsa naasuu Waaqaa, ka isanii jedhanii natti kennan ya dhageettan. Waaqii herrega isaa ka dhossaa natti mullisee na beesise. Anin waan kana ya diqqoo tokko barreesse, yo waan an barreesse dubbiftan, akka anin waan dhossa ka Kiristoo hubadhe ingartan. Durii waan dhossaa kana namaatti hin himan, amma ammoo Waaqii ya hafuura ufitiin ergamtoota ufii qulqulloo fi raagotaatti mullise. Wantii dhossan tunilleen, warrii gosa Yihudii hinta'inilleen, marroo oduu dansaatti dhugeeffateef, akkuma Yihudiin argatte, eebba Waaqaa argata; warrii cuftii mittaa nafa tokkooti, kakuu Waaqii karaa Kiristoo Yesusiitiin tolcheellee inargata. Waaqii kennamsa naasuu, ka ufitiin hojjataa oduu dansaa na tolchee, eebba sun jabeenna hujii ufitiin naa kenne. Anin gumii Waaqaa cufa keessaa diqqaa, Waaqii ammoo hujii gosa dhibiitti oduu dansaa himan natti kenne, akka duruummaa Kiristoo ta hindhumanne barsiisu, ammallee akka namii cuftii mala Waaqaa ka dhossaan amma guutan argu. Waaqii, ka waan cufaa uume, durii mala ufii dhoffate, akka yo kana, gumii Waaqaatiin, hayyoota ergamtoota Waaqaa fakkaattuu fi jabeennii Waaqaa gubbaa jiru cuftii qarooma Waaqaa ka akka akka jiru baratu. Waaqii herrega ufii ka jiruu jireennaa, ka Kiristoo Yesus Aabboo keennaan guute gula waan kana tolche. Nu waan karaa Kiristootiin isa dhugeeffanneef, ceeraa fi sodaa malee fuula Waaqaa dura dhufu indandeenna. Tanaaf anin isan kadhadhaa, waan anin marroo teessaniif gaargaleef ufi hinjibaatinaa; wantii kun cuftii isanii olaantii. Mar. roo waan kanaatif anin Aabboo duraatti jilbiifadha. Innii abbaa warra cufaa, ka namii lafaa fi gubbaa jiruulleen maqaa dhugaa irraa argatu. Anin akka innii durooma guddinna ufitiin jabeenna Hafuura Qulqulloo ka garaa keessan jabeessu isanii kennu Waaqaa kadhadhaa. Ammallee akka Kiristoon, marroo dhugeeffachaatiif garaa keessan keessatti qubatu, akka hiddaa fi yayyabii keessan jaalala keessa taa'uu, akka isan, gumii Waaqaa waliin, hubachaa jaalala Kiristoo argattan, akka jaalaaltii sun, ballinnaan, dheerinnaan, olfagennaan, gad qilummaalleen, fulaa cufa geettu, akka jaalala isaa adoo namii danda'ee cufa barachuu baatellee barattanii akkanaan qixxooma Waaqaatiin guutamtan anin in kadhadha. Innii humna isaa ta nu keessatti hojjatuun waan nu kadhanuu fi waan nu yaaduu dandeennuullee cufaa irra nuu kennu danda'a. Tanaaf yo cufaa karaa Kiristoo Yesusitii fi gumii Waaqaa gulaan Waaqaa dhaloota cufaa, keessatti ammaa fi hegeriille guddinnii ha tahuuti! Ee'e jenne Anin ka marroo anin Aabboo hojjadhuuf na hindhan, isan kadhadhaa yaamicha Waaqii isan yaam gula yaa'aa. Uf olhinfuudhinaa laanaa yaa'aa, waan cufaa obsaa. Jaalala teessan waldandeettiin agarsiisaa. Nagaa takkaa isan tolchuun takkaa tahiitii, hafuurii namaa kennuu jabeessaa qorqooradhaa. Akkuma abdiin Waaqii itti isan yaame tokkoo, nafii tokkoo, Hafuurii tokko, Aabbaan tokko, dhugeeffachaan tokko, cuuphamii tokko callaatti jira. Waaqii abbaa nama cufaa tokko callaatti jira; innii waan cufaa irra jira, waan cufaa keessa hojjata; waan cufaa keessa jira. Nu namii cuftii yaayyuu herrega Kiristoo gula kennamsa naasuu arganne. Tanaaf barreessiin qulqulloon, “Innii gaafa Waaqaa gubbaatti olba'e warra hidhan hedduu ufi gula fudhee, namaallee wa kenne” jette. Duuba, “Innii Waaqaa gubbaatti olba'e” jechuun maal? Qaraa fiixee innii lafa jaalaatti gad bu'e jechu. Namuma gad bu'e sunitti ammallee akka waan cufaa guutu achi gubbaatti oldeebi'e. Isaatti wa namaa kennee, nama garii ergamaa, ka garii raaga, ka garii himtuu duubbii gammadaa, ka garii tissituu, ka garii barsiisota tolche. Wantii innii waan kana tolcheef akka gumii Waaqaa cufaa hujii Waaqaatti kurufeessu, akka nafa Kirstoo jabeessan. Duuba nuun cuftii garaa tokkoon, dhugeeffachaa teennaan, beekkumsa teenna ta ilma Waaqaatiin, waliitti dhumnee; nama gugurdaa taanee, haga Kirstoon gahuu geenna. Itti deebinee ijoollee qilleensaa fi dhawaan galaanaa, dhodhooftu hintaanu, yokaan ta barsiisaan nama dharaa cuftii chochooftee malteen karaa irraa nama gorsitu hintaanu. Ammoo jaalalaan dhugaa dubbanee karaa cufaan gara Kiristoo mataa keennaa, guddachuu malle. Jabbeenna isaatiin nafii keenna cuftii tokko, ammallee nafii cuftii mittaa ufitiin waltti ejja. Tanaaf yo mittaan cuftii gara uftiin hojjattee nafii cuftii guddateetti jaalalaan jabaata. Maqaa Aabbootiin anin waan kana jabeeseetti jedhaa, akka warra Waaqaa hinbeennee, ka qalbiin warraa homaa hinbeennee, ka qalbiin ammaallee dukkana keessa jirtuu hintahin. Warrii waan daalla'e, ammallee mataa jabaateef, jireenna Waaqii kennu keessaa qooda hinqabu. Ceera hinqabu hujii dabaatii ufi kenne, waan ceera ka akka cufaa ka irraa ufi hindhowine taha. Wantii Kiristoo ka isan barattan ammoo akkasinitii! Isan waan isaa ya dhageettan ammallee akka nama isa gula yaa'uu dhugaa Yesus keessa jirtu ya barattan. Tanaaf jireenna keessan dullacha durii hamaa, ka waan isan durii taataan isan tolche, ka dharraan hamtuun balleesite baafadhaa! Hafuurii garaaf qalbii teessan ha haaromsuu. Jireenna haareessa akka wayaa, ka fakkeenna Waaqaa gula midhaassan, ammallee ka finna dhugaa ka qajeelumaa fi qulqulloomaan mullatu uyyifadhaa! Itti deebitanii hinkiyyibinaa duuba! Namii cuftii ha obboleessa ufiitti dhugaa dubbatuutii; wantii akkanaatiif nuun cuftii nafa Kiristoo keessaati mittaa. Yo dallantan dallansuun teessan cubbuu keessa isan hinseensisin! Dallansuun aduun isanitti hindhi'in! Sheexanii qoommii hinargatin! Namii durii wa hatuu ha hanna lakkisee hojjatuutii; akka harka ufitiin ufi bulchee hiyyeeyiillee qarqaaru. Haasa keessatti dubbii dansaa nama qarqaartee jabeessitu ka namii dhaga'u eebba argatu callaa dubbadhaa malee, duubiin hamtuun afaan keessan keessaa hin ba'in! Hafuura qulqulloo Waaqaa, hin laaleffachiisinaa; hafuurii kunin beessisa Waaqaa ka isan gubbaa jiru; ka akka guyyaan isan balchoomsan dhufu agarsiisu. Garaa hammeennaa, walti goo'isaa fi dallansuu cufa lakkisaa; itti deebitanii walloltanii walhinarabsina! Ammallee walhinjibbina! Ammoo arjaa tahaa walii na'aa; akkuma waaqii marroo Kiristootiif cubbuu teessan isanii araarame, walii araaramaa! Waan ijoolee Waaqii jaalatu taataniif, Waaqaa fakkaachuu maltan. Akkuma Kiristoon nu jaalatee, sooriyoo dansaa fooleen Waaqaa gammachiiftu, nuu ta'ee lubbuu ufii nuu kennee, isaniilleen jaalalaan jiraadhaa. Isan marroo gumii Waaqaa taataniif waan shaarmuxoomaa ka xuritii fi ka sabdoomaa jidduu teessanitii maaqalee hindha'inaa. Dubbii xuritii, ta daallumatii fi ta hinfakkaanne jechuu himmalle. Ammoo waan cufaa keessatti silaa Waaqaa galata galchuu maltan. Waan kana akka dansaa beekuu maltan; namii algalii, qulqullummaa hin qamne, sabdiin (ka Waaqaa wallaalee waan namii harkaan midhaassu kadhatu) qooda mootummaa Kiristootii fi ka Waaqaa keessaa hinqabu. Namii tokkolleen dubbii kiyyibaa ta dharaatiin isan hinsobin; marroo waan kanaatiif dallansuun Waaqaa warra isaa hincaqamneetti dhufti. Tanaaf nama akkanaa kana lagadhaa! Isanumaanuu durii dukkana keessa jirtan, ammoo haga gumii Aabboo taatanii, ibsee keessa jirtan. Tanaaf akka nama ibsee keessa jiruu taa'uu maltan. Ibseen midhaan dansoomaa, ka dhugaatii fi ka qajeelumaatiin dhufti. Waan Waaqaa gammachiisaa jabaadhaa baradhaa! Nama waan homaa hinbaane tolchu, ka dukkana fedhu, diidaattii baassaa mallee, waan isaa keessaa hinseeninaa! Yo waan warrii dhossaan tolchu haasaan waan ceeraati. Ammoo wantii ibseetti baasan cuftii akka dansaa mullatti; wantii mullisan sun cuftii ibsee taati; wantii, “Ka'ii, nama rafe, du'a keessaa ka'i, Kiristoon sii ibsaa” jedhaniif tana. Tanaaf deemmaa teessan keessa akka dansaa ufi qorqoradhaa! Akka nama homaa hinbeennee hintahiinaa, akka nama qaroo tahaa! Barii kun hamaa yo qoommii argattan cufaa waan dansaa tolchaa! Hindaalla'inaa, fedhii Aabboo Waaqaa hubadhaa! Daadhiin hinmacha'iinaa, wantii kun isan balleesiti; fulaa sun hafuura Waaqaatiin guutamaa! Dubbii faarutii fi ta sirba Waaqaatiin walhaasaa; faaruu Aabboo garaa keessan keessatti gammadaanii dhahadhaa! Waan cufaa keessaa fi yo cufaa Maqaa Aabboo Yesus Kiristootiin Waaqaa Abbaatii galata galchaa! Mar. roo Kiristoo saalfattaniif, walii ceeraa! Nadheen ka akkuma Aabboo ceertu dhiirsota ufitiillee ceertuutii! Akkuma Kiristoon mataa gumii isaa, dhiirsiilleen mataa niitii isaati; Kiristoon fayyisaa gumii Waaqaatii, gumiin Waaqaa ammoo nafa isaati. Tanaaf akkuma gumiin Waaqaa Kiristoo ceertuu, nadheenilleen waan cufaan dhiirsota ufiitii ceeruu malte. Dhiirsota, akkuma Kiristoon gumii ufii jaalatee nafa ufii kenneef, isaniilleen akkasuma nadheen teessan jaaladhaa! Innii eegii bisaan dhiqe, akka dubbii ufiitiin gumii ufii qulqulleessu waan kana tolche, akka gumii ufii midhaagumaa fi qulqulloomaan, wallaalaa fi bobottollee fi waan qixxee hintahiin malee ila ufii duraan dhufu. Dhiirtii akka ufi jaalattu niitii ufii jaalachuu malte. Namii niitii ufii jaalatu ufi jaalata. Namii ufi jibbu hinjiru, ammoo namuu ufi soora, Kiristoolleen gumii Waaqaatii akkasuma tolcha; wantii akkanaatiif nu mittaa nafa isaati. Mar. roo waan kanaatif barreessiin, “Dhiirtii abbaa fi haadha ufii lakkiftee niitii ufitiin takkaa taati, jarii lamaan nafa takkaa taha” jetti. Dubbii dhugaa guddootti barruu tana keessaa mullata; isiin, akka mala kiyyaatti, Kiristoo fi gumii Waaqaa baanti. Ammoo isaniillee inbaanti; dhiirtii cuftii niitii ufii akka ufi jaalattu jaalachu malte; nadheelleen dhiirsota ufiitii ha saalfattuu! Ijoole, marroo Kiristootii fi haadhaafi Abbaa keessanii saalfadhaa, wantii kunin waan tolchuu malan. Jechii “Haatetii abbeetii saalfadhaa” jedhu kuni seera kaku abdi itti daran keessa ka qaraati; kakuun sun, “Akka lafa Aabboo Waaqii sii kennu keesaatti lubbuun tantee dheeratu” jetti. Aabbooti, ijoollee teessan hin hifachisnaa, ammoo barsiisaa fi gorsa Aabbootiitiin guddisaa! Tisseelee, abbootii teessan sodaa fi hollachaan caqasaa, akkuma waan Kiristoo hojjattanii garaa tokkoon hojjadhaaf. Warra gammachiisuuf jettanii yo warrii isan laalu callaa hin hojatiinaafii, ammoo akka tisseellee Kiristoo garaa keessan cufaan waan Waaqii fedhu tolchaa! Hujii teessan ta tissee akka waan namaa hojjatanii adoo hinta'in, akka waan Aabboo hojjatanii gammadaan hojjadhaa! Akka Aabboon nama cufaa, tissee yokaan balchaa tanaaniillee, marroo hujii dansaa innii hojjatuutiif galata kennuu, qaabadhaa! Aabbooti tisselee, tisseelee teessanii akkuma sun tolchaa! hinsodaachiisiinaa! Akka isanii fi tisseleen teessaniilleen abbaa takko ka nama cufaa waan takkaa tolchuu Waaqaa gubbaa qabdan qaabadhaa! Armaa achi, karaa Aabbootii fi irree isaa guddoon jabaadhaa! Akka maltee sheexanaa dabsattan, miha lolaa ka Waaqii isanii kennu cufaa guuradhaa! Wantii akkanaatiif nu namaan wali hadhuutti hinjirruu, ammoo hafuura hamaa lafaa fi gubbaa jiru, ka jabeennaa fi irree gubbaa ta bara dukanaa ta'een walhadhuutti jira. Tanaaf akka yo guyyaan hamaan dhufe dandeetanii irree nyaaphaa dabsattanii, eegii haataniillee duddaduuba hindeebinee, ammaatana miha lolaa ka Waaqaa hidhadhaa! Tanaaf kurfoo taa,aa eegadhaa; dhugaa akka gurdaa hidhaanaatti hidhadhaa; qajeelummaan hammeenna qoma teessan irraa dhowwadhaa! Akka yo cufaa oduu dansaa nagaa akka kophee keeyattan kurfoo taa'aa! Akka xiyyaa bobeettu ta hamaan Kaan darbatu dhaamfitan yo cufaa dhugeeffachaa akka wantee qabadhaa! Baafama akka koofiyaa sibiilaa keeyyadhaa, dubbiin Waaqaalleen ha goraadee hafuurii isanii kennu taatu. Waan kana cufaa kadhachaan tolfadhaa qarqaarsa Waaqaa kadhadhaa. Yo cufaa akkuma hafuurii isan garsiisu Waaqaa kadhadhaa! Mar. roo waan kanaatif yo cufa ufii hinjibaatinaa kurfaa eegadhaa, yo cufa gumii Waaqaatii kadhadhaa! Akka Waaqii yo anin dubbachuu fedhu, dubbii anin jabeennaan dubbadhu naa kenne dhossa oduu dansaa mullisuu, anaallee Waaqaa kadhadhaa! Adoo anin amma hindhaansa keessa jiraadheellee marroo oduu dansaa tanaatiif garana na ergan. Tanaaf anin akkuma tolchuu male jabeessee akka dubbadhu Waaqaa naa kadhadhaa. Akka isan waan anin keessa jiru hubattan Xikiqoos, oboleesa keennaa fi hojjataan keenna ka dhugaa hujii Aabbootiif dhugeeffate, oduu tiyya cufa isaniitti hima. Akka waan nuun cuftii keessa jiru innii isan beesisee garaa isan jabeessu anin isa gara keessan erga. Waaqaa Abbaa kennaatii fi Aabboo Yesus Kiristootiin nagaa fi jaalala dhugeeffachaa waliin obboleeyyan cufaa kenninna! Eebbitii Waaqaa jaalala hindhumanneen nama Aabboo Yesus Kiristoo guddoo jaalatu cufaa waliin taa'inna! Nu warrii ergaa tana jaarrolee gumiitii fi jara gumii Waaqaatii hojjatu waliin gara gumii Waaqaa taa lafa Filiphii keessa jirtuu isanii barreessee, Phaawuloo fi Ximootewoos; ka hojjattuu Kiristoo Yesus. Waaqaa Abbaa keennaatii fi Aabboo Yesus Kiristoon eebbaa fi nagaya isanii kenninna. Anin yo isan qaabadhu cufaa Waaqaa kiyyaa galata galcha; yo isanii kadhadhu cufaa anin gammadaan kadhadha, waan isani hujii oduu dansaa keessatti, haguma guyyaa qaraatii haga hardhaallee na qarqaartaniif. Tanaaf anin akka Waaqii hujii dansaa jidduu teessan kaa'e tana guyyaa gaafa Kiristoo Yesus dhuficha ga'ee hobbaasuu malee hin lakkimnee, akka dansaa beeka. Isan yo cufaa qalbii tiyya keessa jirtan! Tanaaf anin yo cufaa waan keessan herreguu male. Isaniin cuftii yaa eebba Waaqii naa kenne tana na waliin qoodattan, ani yo amma hidhaansa keessa jiruu fi gaafa durii diida jirulle, oduu dansaa sunii dubbadheetti isii jabeessa. Yo ani, jaalaltii anin garaa kiyya keessa qabu garaa Kiristoo Yesus keessaa dhufte jedhe, Waaqiilleen naa dhugaa. Kadhaan anin isanii kadhadhuu ta akka jaalaltii teessan hubachaa dansaa fi qalbii dhugaa waliin hagas irra guddatuu tana, akka waan irra dansaa gula baatanii guyyaa dhuficha Kiristoo suni wallaalaa fi hammeenna tokkollee hin qamne. Jireenni keessan waan dansaa Yesus Kiristoon fedhuun guutama, akka maqaa Waaqaa guddisanii faarsan. Obboleeyyan tiyya; ani wa isanitti himu fedha; yo dhugaa dubbannee, wanti na tolchan ya oduu dansaa duraatti deemsifte. Mar. roo waan kanaatiif hojjatoota mana hayyuutii fi namii arma jiru cuftii akka waan dubbii Kiristootiif na hidhani inbeeka. Anin hidhaansa keessa seennaan, gumiin dhugeeffatte cuftii guddoo hujii Aabbootti jabaattee jannoomtee, dubbii Waaqaa sodaa malee barsiiste. Haa ta'uu malee namii garii dhugumaa qoxxee fi waldiddaan waan Kiristoo odeessa, kaa garii garaa dansaan odeessa. Warri kun waan akka Waaqii arma na kaaye, oduu dansaa jabeessi naan jedhu beekuuf, jaalalaan waan kana tolcha, Namii garii waan gaafa ani hidhaansa keessa jiru na gaargalchu feedhuuf garaa dansaan waan Kiristoo hin haasuu, garaa haamaan haasa'u. Ammoo yo akkasillee taatee, yo waan Kiristoo karaa hamaa fi dansaalleen cufaanuu haasanii wanti sun homaa keessa hin jirtu, ani guddoo gammada, ammallee ani hinumagammada. Kadha teessaniif qarqaasa Hafuura Yesus Kiristoolleen silaaftuu akka gad na dhisaan inumabeeka. Akka karaa tokkoolleen hinceeree anin abdii fi fedhiillee inqaba, Wanti akkanaatiif ani du'aa jireenaalleen jabaadheetti garaa kiyya cufaan ulfina kiristootiif hojjadha. Jireenni maanii? Jireenni kiyya naa Kiristoo; dootilleen naa dansaa. Ammoo yo lubbuun na dheerattee hujii dansaa hojjadhee, anin ta gula bahu hin beeku. Gama lachuuyyuu waljajjii jiraa. Anin jireenna kana lakkisee Kiristoo waliin taa'uu fedha, tanatti irra naa jiraa; ammoo marroo teessaniif anin lafa tana gubbaatti hafuu male. Anin silaaftuu inbeeka akka yo ani isan biraatti haafee isan waliin taa'ee isan gammaddaanii dhugeeffachaan jabaattanii duraatti deemtani. Tanaaf yo anin ammallee deebi'ee fulaa teessanitti argamee marroo Yesus Kiristoos na keessa jiruutiif isan ufi koorsitan. Wanti jabduun, adabi keessan akka oduun dansaan Kiristoos jettuu ha ta'uu, akka marroo dhugeeffachaa oduu dansaatiif isan adoo anii dhufee isan arguu dhibaadhellee, garaa tokkoon jabaattanii kaatanii yaada tokkochaan waliin haatan dhagayu. Waaqatti irree isanii kennaa, nyaapha keessan hin sodaatinaa; yo cufaa jannoomaa, wanti kunin akka isan warra dabsattani agarsiiftii Milkiin teessan ta, isanii kennan Kiristoos callaatti dhugeeffadhaa hin jettu, marroo isaallee gaargalaa jettii. Amma koottaa, walumaan haanaa! Akkuma qara akka anin hadhe agartanii dhageettanii anin ammallee akkasuma jira. Jireenni keessan ka Kiristoo keessaa isan jabeessa moo? Jaalaltii isaa garaa keessan jabeessitii? Hafuura Qulqulloon waldhaqiisa qabduu? Walii naatuu? Herrega tokkoon, jaalala tokkoon, hafuura tokkoo fi qalbii tokkoon na gammachiisaa. Waan tokkollee ufi jaalalaa fi yokaan ufi guddisuun hin tolchinaa, waan nama dhibii irra jirtan ufi hin sehinaa walduratti ufi diqqeessaa. Waan fedhii teessanii callaa hin barbaadinaa, waan fedhii nama dhibiillee barbaadaa. Herregi keessan ka Kiristo Yesus qabu ha ta'uu: Innii haguma jiruu jireennaa Waaqa, ammoo akka irreen haga Waaqaatiin ufi ga'uu hin herrenne. Ammoo fedhii ufiitiin waan cufaa lakkisee tissee ufi tolche. Akka namaa ufi tolchee, fakkeenna namaatiin mullate; ufi diqqeessee du'a fannoo gubbaatti du'ellee ee'ee jedhee fudhate. Mar. roo waan kanaatiif Waaqii fulaa fulaa cufa irra guddoo, ta gubbaa isa geessee, maqaa maqaa cufa irra jiru isaa kenne. Akka marroo ulfinna maqaa Yesusiitiif, waan gubbaa jiraatii, ka lafa jiraatii fi ka lafa jala jiraa cuftii jilbiiffattee, namii cuftii maqaa Waaqaa Abbaa guddise diidessee, Yesus Kiristoosiin Aabboo jedhuu, Tanaaf obboleeyyaan tiyya, akkuma gaafa durii anin isan waliin jiru na caqaftanii, ammallee adoo ani isan waliin jiraachuu baadheellee hagasillee irraa na caqasaa. Akka baafamii keesan qixaa'uu, sodaa fi hollachaan hojjadhaa. Wanti akkanaatiif Waaqii yo cufaa akka isan fedhii isaa guuttanii fi akka isan feesisee dandeesisuu jidduu teesaniitti hojjachuu jira. Akka ijoollee Waaqaa dadansaa, wallaalaa fi cubbuu hin qamnee, ammoo ta dhaloota hamaa fi ka dabaa keessa teteetuu, waan cufaa dubbii fi gungumsuu malee tolchaa, akka urjiin gubbaa ibsitu jidduu warraatti ibsaa. Akka gaargala kiyyaa fi hujiin tiyya bilaasha hin taanee, dubbii jireennaa jabeessaa itti himaa; yo isan akkas tolchitanii, anin guyyaa dhufiisa Kiristoos, waan keessan dansaa ka dubbadhu qaba. Yo dhiga kiyyaallee akkasuma aadaan teessan marroo dhugeeffachaatiif sooriyo Waaqaa baaftuu baasanii, anilleen gammadeettii isanii cufa waliin qiliixama. Akkasuma isanilleen gammaddanii, na waliin qiliixamtani. Anin akka Ximotewos isanii erguu Yesus irra abdii keeyyadha, akka annilleen yo oduu teessan dhagaye gammadu. Isa callaatti waan anin herregu herregee waan keessan qorqorata. Namii kaan cuftii waan ufii callaa herrega, namii waan Yesus Kiristoo herregu hin jiruu. Isan akka Ximotewos guddoo wa tolchee inbeettan, ammallee akka naa fi innii marroo oduu dansaatiif akka abbaa fi ilmaa taanee waliin hojjannee inbeettan. Akkuma waan keessa jiru hubadheen, akka dhiyottuu isa gara keessan erguu yaa herrege, yo Aabboon jedhe, anuu dhiyottuu gara keessan dhufa ufi sehaa. Ani Ephafrodixos, obboleessa keenna kaa waa'ela naa tahee na waliin hojjate, ka isaniilleen akka innii na qarqaaru ergattan, sunii deebisee gara keessani erguu male. Waan isan isaa fayya hin tahin dhageetanii jennaan, guddoo naataniifii innii guddoo laaleefatee isanii cufa arguu fedha. Dhugumaa inniilleen fayyaa dhabee diqumaa hin du'in, Waaqii ammoo guddoo isaa nahe; isa callaanitii nallee akka ani hagas irra hin laaleffanne naa nahe. Tanaaf anin akka isan yo isa argitan gammadanii naasuun tiyyaalleen badduu isa guddoo gara keessan erguu fedha. Maqaa Aabbootiin gammachuun guddoon isa dhi'eessaa, nama akkanaa kana cufaa ulfeessaa! Wanti akkanaatiif innii akka qarqaarsa isan naa keennu hindandeene naa keennuu, marroo hujjii kiristootiif lubbuu ufii baasee diqqumaa hin du'in. Duubii buufataa Obboleeyyaan tiyya, Aabboon gammadaa! Waan durii barreessee, deebi'ee barreessuun na hin dhibdu, ammoo guddoo wa isanii baati. Warra waan hamtuu tolchuu fedhuu, sareelee nama hin ta'in, ka nafa namaa ciruu fedhu eegadha. Wanti akkanaatiif namii dhaqanqabaa dhugaa argate warraanitii nuu, nu Waaqaa hafuura isaatiin kadhanna, aadaa namaa ta nafaa hin dhugeeffannuu, jireenna keenna ka Kiristoo Yesus keessaatiif gammanna. An yo danda'ee silaa waan kana indhugeeffadha; namii tokkolleen yo aadaa namaa ta nafaa dhugeeffatee, ka narra dhugeeffatu hin jiru. Anin Ibraaniyaa dhugaati. Eegii ani dhaladhee torba bule dhaqanqabaa naa qaban. Gochii tiyya Israa'el, balbaltii tiyyalleen Beeniyaamii. Aadaa seera Yahudiillee gula an fariisota. Tanaaf anin guddoo aaree gumii Yesusitti dhugeeffatte balleessuu maladhe. Yo silaa namii seera gula deemu dhugaa argatee, anin wallaala tokkollee hin qabu. Ammoo amma marroo Kiristootiif wanii durii irra jirtii herregadhe cuftii homaa keessa naa hin jirtu. Waan kana callaanitii; marroo dhugeeffachaa Aabboo kiyya Yesus Kiristoo ta waan cufa irra guddootiifii jedhee ani waan cufaa yaa lakkise. Anin waan cufaa akka huuraa herrega, akka akkasiin Yesus argadhee, isaan tokko tahu. Anin ammaa tana dhugaa namii seera guutu argatu tokkollee hin qabu. Ammoo dhugaa Waaqaa biraa dhuftu, ta dhugeeffachaa Kiristootiin argatan qaba. Anin Kiristoo beekee jabeenna ka'iisa isaa callaa argachuu fedha; gaargala isaa argadhee du'a isaa keessatti akka isaa ta'uu fedha, akka yo silaa naa taatee, nallee du'a keessaa jireennatti kaasan. Anin waan kana qaraa argadhe yokaan ya guutadhe hin jedhu. Ammoo akka argadhu guddoo barbaada, waan Kiristoo Yesus duriiyyuu barbaadee na argateef. Dhugumaa obboleeyyaan, anin waan kana waan argadhe ufi hin sehu; ammoo wantii anin barbaaduu, akka waan bira dabre lakkisee waan na duraatti hiixeffadhu. Tanaaf anin akka nama cufaa qolchee waan sun argadhu inutaala. Wanti sun yaamicha Waaqaa, ka karaa Yesuus Kiristootiin, gara gubbaa ol na yaaman. Nuu namii gugurdaan cuftii herrega kana silaa qabaachuu malle. Ammoo yo isan namii garii herrega garagaraa qabaattanillee, Waaqii isanii mullisa. Akkuma taateefuu, dhugaa nu qaraa arganne gula nu yaasaa. Obboleeyyan tiyya, isaniin cuftii Waldhaqaa, na fakkaadhaa. Nu karaa dhugaa ya isan garsiimnee; warra gula yaa'u laalaa! Anin waan kana marroo hedduu isaniitti hime, ammallee irra deebi'eetti boo'ee imimmaaniin isanti hima: nama hedduutti jira, ka yaada fannifamuu Kiristoo irraatti nyaapha ta'e. Eegeen warraa badii, garaan warraa Waaqaa isaaniiti, fulaa silaa ceeruu malani ufi guddisanii waan lafa tanaa callaa herregan. Warrii keenna ammoo gara gubbaati. Fayyisaa keenna Aabboo Yesus Kiristoo ka gubbaa gad dhufu eegachuutti jirra. Innii irree waan cufaa harka ufi jalatti deeffatuun, nafa keenna xuraawaa jijjiiree, akka nafa ufii ka guddinna qabuu tolcha. Obboleeyyan tiyya, ta anin guddoo jaaladhee arguu fedhu, anin hujii teessan maachee guddoo gammade, tanaaf duuba isan jabaattanii Yesus kiristoo waliin dhaabachuu maltan! Obboleeyyan tiyya, Ewodiyaa fi Sinxikee isani lachuu akka isan Waaqaa jettanii waldhaxxan isan kadhadha. Jaala kiyya ka anin guddoo jaaladhu atilleen, nadheen tana ta oduu dansaa haasoofte, ta Kilemensii fi warra dhibii ka na waliin hojjatullee waliin jirtu, ka maqaan warraa kitaaba jireennaa keessa jiru naa qarqaari. Mar. roo Aabbootii fi yo cufaa gammadaa. Anin ammallee isaniin jedhaa: Gammadaa! Aabboon dhiyottuu dhufaa, dansumtii teessan ta laanaa nama cufa duraatti ha mullattuu. Waan tokkollee hin qorinaa, ammoo kadhachaa teessan keessatti waan feetan cufaa Waaqaa kadhadhaa, guyyaa cufaa galata Waaqaa deebisaa. Nageenni Waaqaa, ka namii hubachuu hin dandeenne, karaa Kiristoo Yesus keessatti, garaa keessanii fi qalbii teessan inqorqorata. Dubbii buufataa, obboleeyyan tiyya yo cufaa waan dansaa mirgittii, taa akka dansoomaa, qajeelummaa, dhugaa, balchoomaatii fi qulqullummaa herregaa. Waan narraa agartanii barattan kaa dubbii tiyyaatii fi ta hujii tiyyaallee cufaa guutaa! Duuba Waaqii ka nagaya nuu kennuu isan waliin taa'aa. Anin marroo Aabbootiif guddoo gammada! Isan ammallee haga guyyaa hedduutii akka waan kiyya herreddan ya agarsiiftan. Qaraallee qoommii agarsiiftaniin dhabdan malee waan kiyya yaaluu diddan isaniin hin jenne. Isan ya na deetan hin jedhu; wanti akkanaatiif anin akka waan qabu quufuu yaa baradhe, dhiphuu fi ballinnallee inbeekaa. Tanaaf adoo beelaa-dheebuu, waan diqqoo-guddoo qabaadheellee yo cufaa quufa qaba. Anin jabeenna Kiristoni naa kenneenii irree waan cufaan dabsadhu inqaba. Isanii ammoo ka gaargala kiyya keessatti na qarqaartanii, waan dansaa tolchitan. Isan warri Filiphii, gaafa anin qaraa Maqedooniyaa bahee oduu dansaa odeessee, akka gumiin Waaqaa ta na qarqaarte isan callaa inbeettan. Naa fi isan callaatti dhiphuu fi ballinna kiyya waliin qoodate. Isan marroo hedduu anin Tasalonqee keesatti dhiphannaan qarqaarsa naa ergitan. Anin qarqaarsa callaa argachuu hin fedhuu; ammoo akka isanilleen keessaa wa argattan fedha. Ergaa akka isan waan kana cufa naa kennitan agarsiiftu ya argadhe. Anin waan fedhu cufaa kaa isan Ephafrodixositti naa ergitan ya argadhe. Wanti kuninii akka sooriyo urgooftuu Waaqaa baasanii, ta inni fudhatee gammaduun jirti. Waaqii kiyya, waan isan feetan cufa durooma Kiristoo Yesus keessa jirtu cufaan isanii kenna. Guddinni Waaqaa Abbaa keennaatii ammaa fi hegerillee ha jiraatuu! Ee'e jenne. Gumii qulqulloo Waaqaa ta Kiristoo Yesus cufaa nagaya itti naa himaa! Obboleeyyan arma na waliin jirtulleen nagaya isanii dhaamti. Warrii Waaqaa cuftii keessumaatti warrii mana hayyuu guddoo nagaya isanii dhaama. Eebbitii Aabboo Yesus Kiristoo isanii cufaa waliin jiraatinna. Maqaan kiyya Phaawuloos, ka fedhii Waaqaatiin ergamaa Yesus Kiristoo ta'ee fi obboleessa keenna Ximootewos, Obboleeyyan teenna qulquloo ta dhugaa kiristoo keessa jirtuu fi gumii Waaqaa ta Qol. osaayii jirtu cufaaf Waaqii Abbaa keennaa eebbaa fi nagaa isanii kenninna. Nu yo Waaqaa isanii kadhannu cufaa, Waaqaa Abbaa aabboo keenna Yesus kiristootii galata galchina. Nu akka isan Kiristoo Yesusiitti dhugeeffattanii ammallee gumii Waaqaa cufaa jaalattaan ya dhageenne. Gaafa dubbiin dhugaa, Oduun Dansaan gara keessan qaraa dhuftee, malaa abdii isiin qabdu ya dhageettan. Tanaaf dhugeeffachaa fi jaalaltii teessan waan isan abdattan ka gubbaa isanii ol kaan keessa jirti. Akkuma isan guyyaa qaraa ka kennamsa naasuu Waaqaa dhageettan waan innii ta'e hubattan, Oduun Dansaan eebbaan dhuftee lafa cufaa ga'uutti jirti. Isan waan kana Ephafraas ka hujii teenna keessatti waahela dansaa nuu ta'ee, marroo teennaaf dhugeeffatamaa ta'ee Kiristoo hojjate irraa barattan. Isatti akka Hafuurii qulqulloon jaalala isanii kenne nutti hime. Mar. roo waan kanaatiif nu haguma waan keessan dhageennee Waaqaa isanii kadhachuu hinlakkimne, nu akka Waaqii fedhii ufii akka dansaa isan barsiisu, qaroomaa fi qalbii Hafuurii Qulqulloon isaa namaa kennu cufaa akka isaani kennu Waaqaa isanii kadhanna. Yo akka Aabboon fedhu teettanii yo cufa waan innii jaalatu tolchitan. Jireennii keessan waan isan hojjattan cufaa keessatti midhaan baasa, isaniilleen Waaqaa beekaa guddattan. Akka waan cufaa obsitan irreen guddinna isaa keessaa baatuu ha isan jabeessituu. Ammallee waan Aabboo Waaqii akka warra qulqulloo waliin gammaddanii qiliixamtan qooda dhaalaa ka ibsee mootummaa hegerii keessaatiin isan ga'eef galata galchaa. Innii ya jabeenna dukkanaa keessaa nu baasee nagaan finna Ilma ufii ka jaalatameetiin nu ga'e. Ilma sunitti nu balchoomsee cubbuu teenna nuu araarame. Kiristoon fakkeenna dhugaa ka Waaqaa hinmullanneeti. Innii angafaa, ka waan uumame cufaa irra jiruu. Wantii akkanaatiif Waaqii waan lafaa fi gubbaa jiraa cufaa, waan mullataatii fi ka hin mullaneellee, hayyoota, warra irree qabu, ka moo'atuu fi ka jabeenna qabu cufaa isaan uume. Waaqii waan lafaa fi gubbaa jiraa cufaa isaan uumee, isaaf uume. Innii waan cufa dura jira, fulaa isaatti wantii cuftii fulaa ufii qabdi. Ammallee innii mataa gumii Waaqaa ta nafa isaati, innii ilma angafa du'a keessaa kaasan, ka waan cufaa irra jiru. Mar. roo fedhii Waaqaatiif ilmii qixxooma Waaqaa ufii keessaa qaba. Waaqii uumama cufaa, karaa ilma isaatiin ufitti araarse. Dhiiga ilma isaa ka fannoo gubbaatti jigeen nagaa tolchee, waan lafaa fi gubbaa jiraa cufaa gara ufii deebise. Wantii hamtuun isan durii tolchitanii fi ta isan herreddan Waaqaa irraa isan fageessitteeti, nyaapha isaa isan tolchite. Amma ammaoo marroo du'a nafa ilma isaatiif Waaqii ya ufitti isan araarse, akka isan qulqulloomsee qixxoomsee wallaala malee fuula isaa duratti isan dhiheesse. Tanaaf isaniilleen dhugeeffachaa keessatti jabaattanii duraatti yaa'uu maltan, akka yayyaba oduun dansaan isanii kennite irraa hin chochoone, ammallee akka abdii gaafa oduu dansaa dhageettan argattan irraa hin gorre. Oduun dansaan nama lafa cufaatti himan tana; anin Phaawulloos ya hojjataa isii ta'ee. Anin ammaa waan marroo teessaniif jedhee gaargaluuf ingammada. Wanti akkanaatiif, anin marroo gaargala nafa kiyyaatiin, gaargala kiristoon marroo gumii isaa ta nafa isaa jedhee gaargale irraa ka hafee hobbaasa. Waaqii akka anin dubbii isaa tana guutee haasa'uu, ya hojjataa gumii ufii na tolche. Wantii kunin waan innii durii dhaloota cufaa dhossee, amma ammoo gumii ufiitti mullise. Herregii Waaqaa kun, akka waan guddoo mamaa ka durii dhossan amma gumii ufiitti mullisu. Wantii qara dhossan sunii kiristoo isan keessa jiru, wantii kunin akka isan ulfinna Waaqaa argattan agarsiifti. Tanaaf nu waan kiristoo qalbii teenna cufaan nama cufaa gorsinnee barsiimna, akka namii cuftii kiristoo keessatti guddatee nama dhugaa ta'u. Tanaaf waan irreen Waaqaa ta Yesus kiristoon naa kenne na keessa jirattee hojjattuf, anin itti danfee hojjadha. Anin isanii fi warra Laa'odiiqiyaatii, ammallee warra na hin beennellee hagam akka isanii hojjadhu isanitti himuu fedha. Wantii anin waan kana tolchuufii akka garaan warraa jabaatee, warrii cuftii jaalalaan wal dhaqee, dubbii dhugaa, ta hubachaan dhugaa dhuftuun argatuu fikiristoo dhoffama Waaqaa ta'e akka beekaniif. Karaa Yesusiitiin qalbii fi herrega Waaqaa ka durii dhossan cufa namatti mullisan. Tanaaf anin amma isanitti himaa, adoo akkuma fedhe dansaa fakkaatellee namii tokkolleen haasaa dharatiin isan hinsobin. Wantii akkanaatiif adoo nafaan isan bira jiraachuu dhibaadhellee hafuuraan isan waliin jira. Akka isan karaa Kiristoo keessatti dhugeeffachaan jabaattan waan argeef, anin guddoo gammada. Akkum Yesus Kiristoo Aabboo jettanii fudhattanii karaa isaa keessatti bulaa. Akkuma durii isan barsiisan, hidda keessan isa keessatti baasaa, jireenna keessatti jabaadhaa, yo cufaa galata galchaaf. Akka namii tokkolleen qalbii namaa ta homaa hin baaneen isan hin sobnee eegadhaa. Qalbiin sun waan namii walbarsiisuu fi herrega lafaa irraa dhufti malee Kiristoo irraa hindhuftu. Wantii akkanaatiif qixxoomii Waaqaa cuftii nafuma Kiristoo keessa jira. Waan innii moo'achaa fi jabeenna cufaa irra jiru qabuuf, isaniilleen ya jireenna mijuu isa keessaa argattan. Yesus waliin nafa tokko waan taataniif dhaqaanqabaa ya qabattan. Dhaqanqabaan kun ammoo foon cubbuu karaa Yesusiitiin balleessuu malee, dhaqaanqabaa namaan tolfamteeniti. Gaafa isan cuuphan, Kiristoo waliin isan awwaalan, ammallee cuuphama keessan keessa Kiristoo waliin du'a keessaa isan kaasan, waan isan jabeenna Waaqaa, ka du'a keessaa isan kaase, dhugeeffattaniif. Isan durii marroo daba keeessaniitii fi ammallee waan seera dhaqaanqabaa ka foonii hin tolfatiniif dootan. Ammoo Waaqii ya Yesus waliin du'a keessaa isan kaase. Cubbuu teennallee cufa ya nuu araarame. Kiristoon ya gatii hamtuu nurraatti barreessanii fi seera isiillee cufaa balleessee, mukaa fannoo irraatti fannise. Kiristoon fannoo irraatti warra moo'achaa fi irree qabu balleessee, akkuma waan duula booji'ee galee diidaatti nama agarsiise. Tanaaf namii tokkolleen waan nyaatanii dhuganiin, waan ayyaana baatiitii fi yokaan waan jila sanbataatiin, isanitti hinmurin. Wantii sun cuftii gaandidduu waan hegerii dhufaatii, wantii dhugaa ammoo waan Kiristoon argamaati. Namii tokkolleen karaa dharaatiin waan daayyaa arguuf waan isan irra jiru ufi se'ee waan keessan isan hin hanqisin; ammallee dharaan ufi diqqeessaa, ergamtoota Waaqaa kadhadhaa isaniin hinjedhin. Namii akkanaa kun kiyyibaa, waan qalbii qabu ufi se'a, ammoo innii waan saaduullee hinqabu. Namii akkasii Yesusii, ka mataa waan cufaa waliin homaa hinqabu; mittaa fi morgaanii walti qabee ka nafa gololchuu mataa. Karaa kanaani waaqii nafa cufa guddisa. Isan yo Kiristoo waliin dootanii, herrega lafaa jalaa baatan, eessaa akka nama lafaa jirtani ree? Isan maaf seera, “Waan kana hintuqinaa, waan sun hinuninaa, yokaan waan kana hinqabatinaa” jedhu gula yaatan? Waan kana cufaa yo gula deemanillee waan barsiisaa fi seeri namaa tolcheef ammaa hujii irraa ooltullee gaafa tokkoo inbaddi. Seerii kunin yoyyuu irreen ufi diqqeessaa ergamtoota kadhadhaa, nafa keessan gaargalchaa jedhuu, waan dansaa fakkaata, ammoo dharraa foonii danda'ee nama hindhowwu. Kiristoo waliin ya du'a keessaa isan kaasan. Tanaaf waan harka Waaqaa mirga jiraa ka fulaa kiristoon barcumaa ufii ka gubbaa irra taa'uu barbaadaa. Yaada garaa keessaanii waan gubbaa jiraa irra keeyyadhaa malee, waan lafaa irra hinkeeyyatinaa. Wantii akkanaatiif isan qara ya dootanii, jireenna keessan Kiristoo waliin Waaqaa keessatti dhossan. Gaafa jireennii keessan ka dhugaa Kiristoon mullatee, isaniilleen isa waliin mullattanii guddinnaa isaa waliin qoodattan! Yaada lafaa ka isan keessa jiru ka akka shaarmuxoomaa, hujii babbaddaa ta nama xuresituu, dharraa foonii, fedhii hamtuu fi sabdoomaa, ka waan harkaan bocan kadhachuu ta'e, ijjeesuu maltan. Mar. roo waan kanaatiif dallansuun Waaqaa warra isa hin caqamnetti dhufti. Isaniilleen gaafa durii warra waan dharraa gula yaa'u waliin jirtanii, homa akkasii gula yaatan. Amma ammoo waan akka, dallansuu, aarii, hammeennaa fi maqaa namaa balleessuu kana cufaa lakkisuu maltan. Arraba hamaa fi wantii hamtuun tokkolleen afaan keessaanii hinba'in. Waan hujii nafa keessanii dullattii durii cufa lakkichanii haaraa fudhattaniif soba walti hindubbatinaa. Finna haaressa ka Waaqii durii akka ufi isan beessisuuf akka isani yo cufa guddattaniin fakkeennaa ufiitiin uume sun uyyifadhaa. Armaa achi, Yihudiin, Giriik, nama dhaqaanqabaa qabatee ka hin qabatin, nyaaphii, namii aadaa hin beenne, tissee fi balchaan cuftii hin jirtuu, Kiristoo callaatti jira; ammallee waan cufaa isummaatti keessa jira. Isan gumii Waaqii jaalatee foohatee, tanaaf naasuu, arjoomaa, ufi diqqeestii, laanaa deemitii fi obsa qabaachuu maltan. Wal dandaa, namii wal dhabe cuftii akkuma Aabboon isanii araaramee, walii araaramaa. Waan kana cufaa irratti jaalalaa waldhaqiisaan dhugaatiin isanii dhuftuu daradhaa. Naga'ii Kiristoon namaa kennu kun garaa keessan ha moo'atuu. Waan Waaqii garaa tokkoon isanii cufa nagaa kanaatti yaameef. Ammallee Waaqaa galata galchaa. Dubbiin Kiristoo guddattee garaa keessan keessa ha teettuu. Qalbii cufaan walbarsiisaa wal gorsaa, Waaqaa faarsaa, sirba isaa sirbaa, faaruu isaa faarsaa, garaa keessaniin galata Waaqaa galchaa. Dubbiin yokaan hujii fi waan tolchitan cufaa maqaa Aabboo Yesusiitiin tolchaa. Ammallee maqaa isaatiin Waaqaa abbaatii galata galchaa. Waan aadaa kiristaanaa keessatti tolchuu malaniifii, nadheen cuftii dhiirsota ufiitii ha ceertuu. Dhiirsota, nadheen teessan jaaladhaa mittiftanii hin gaargalchinaa. Ijoolle, waan Aabboon akkas fedhuuf homa cufaa keessatti warra keessanii saalfadhaa. Abboottii fi haawwan, ijoollee teessan hin mufachiisinaa. Egerii garaa hammaattii. Tisseelee, Aabboottii teessan ta lafa tanaatii ajajama; warra gammachiiftanii jettanii yo warrii isan laalu callaa hin hojjatinaa, yo cufaa garaa dansaa Waaqaa sodaatuun hojjadha. Waan hojjattan cufaa adoo namaa hinta'in akka waan Waaqaa hojjattanii garaa tokkoon hojjadhaa. Waan Aabboon isan hojjataniif sun Kiristoo ta'eef, waan isan hojjatan cufaa innii galata isanii galchaa beekaa. Waan innii gumii ufitii ol kaayee inargattan. Namii waan hamtuu tolchuu, inniilleen gatii waan hamtuu tolcheef inargata, Waaqii nama cufa akka tokkotuttii herrega. Abbootii, tisseelee teessanii waan dansaa tolchaa. Akka ufiillee ABBAA gubbaa qabdan qaabadhaa. Yo cufaa jabaadhaa, hinlaafinaa, kadhadhaa Waaqaa galata galchaa. Nullee Waaqaa kadhadhaa, akka innii balbala nuu banee dubbii isaa ta anin marroo isiitiif hidhameef sunii, lallabnee waan dhossaa ka Kiristoo himnu. Akka anin karaa qajeelaan barsiisee namii hubatuu, Waaqaa naa kadhadhaa. Qalbeeffadhaa warra dhugeeffachaa hinqabne dura adabaan yaa'aa, qoommii argattan cufaa hinballeessinaa, wayiin tolchaa. Akka nama wa isan gaafatee qajeelchitanii deebisuuf dandeettan yo haasoftan cufa dubbii dansaa miyooftuu gurrii fedhu haasa'aa. Obboleessii keenna Xikiqoos, ka akka dansaa hujii Aabbootiif ufi kennee dhugeeffatamaan, na waliin hojjatee, oduu tiyya cufaa isanitti haasa'a. Mar. roo waan kanaatiif anin isa gara keessan erga, akka innii waan nu keessa jirruu isanitti himee garaa isan jabeessu. Oneesimos obboleessii keenna ka dhugaa, ka gumii teessan waliin jiru, isa waliin dhufaa waan nu keessa jirru cufaa warraatti isanti hima. Arisxaarkos ka hidhaansa keessa na waliin jiruu fi Maarqos ka dubrii Baarnaabaasiilleen nagaa isanii dhaaman. Isan waan dhaamsa Maarqos qaraa dhageettaniif, yo innii isanitti dhufe akka dansaa keessummeessa. Yoshu'aan; ka Yusxos jedhaniilleen nagaa dhaama. Warra Yihudii keessaa ka dhugeeffatee finna Waaqaatii jedhee nu waliin hojjatee guddoo na qarqaaree jara kana sadeen callaa. Ephafrassiin gumii teessanii ka hojjattuu kiristoo Yesus, nagaa isanii dhaama; innii yo cufaa guddoo Waaqaa isanii kadhata, akka isan jabaattanii guddattanii akka dansaa dhugeffattanii fedhii Waaqaa guuttan. Anin akka innii isanii fi warra sun ka Laa'odiiqeyaatii fi warra Heraapholisiitii jedhee guddoo hojjatee, dhugaa isaa ta'uuf indanda'a. Luq. aas cirreessii keenna ka nu jaalannuu fi Deemaasiin nagaa isanii dhaaman. Obboleeyyan Laa'odiiqeyaa keessa jirtuu, Niimfaatii fi gumii mana isii keessatti walwaldeettullee cufaa nagaa itti naa himaa. Waraqata ergaa kana eegi dubbiftanii akka gumii Laa'odiiqeyaallee dubbisanii qorqoradhaa. Isaniilleen ergaa warri Laa'odiiqeyaa sun isanti erguu dubbifadha. Arkiphosiin ammoo, “Hujii Aabboo ta harka keetiitti kennan hojjadhuu guuti” jedhiin. Ergaa nagaa tana anin Phaawuloosiitti harkuma kiyyaan isanii barreesse. Akka haada sibiilaatiin na hidhan hindedhinaa! Kennamsii naasuu Waaqaa isan waliin ha jiraatuu. Phaawulos, Silwanosii fi Ximotewos ergaa tana gara gumii, Tasaloniqee ta Waaqaa Abbaatii fi Aabboo Yesus Kiristoon takkaa taate barreessan. Eebbaa fi nageenni isanii ha tahuu. Nu yo cufa marroo teessaniifi Waaqaa galata galchine, kadhachaa teenna keessatti maqaa keessan dhoomna. Akka isan dhugeeffachaa teessan hujiin garsiiftan, akka jaalaltii teessan hujii guddoo isan tolchisiiftee, ammallee akka abdiin teessan Aabbo Yesus Kiristoo keessatti jabduu, nu Waaqaa fi Abbaa keenna duratti inqaabanna. Obboleeyyan teenna nu akka Waaqii isan jaalatee, akka nama isaa taatani isan foohate, inbeenna. Nu oduu dansaa afaan callaani isanii hindhumneeni, ammo jabeennaa, Hafuura Qulqulloo fi dhugaa mirkanaatiin isanii dhumne. Akka nu gaafa isani waliini teenne jirru imbeettan; nu marroo irrajirtii teessaniitiif teenne. Nuu fi Aabboo uf fakkeessitani; ammoo adoo guddoo gaargaltanille, gammada Hafuura Qulqulloo irraa argataniini dubbii akka dansaa fudhattan. Tanaafi isani jara dhugeeffate ka Maqedoni'atii fi ka Akaayyaati akeeka taatan. Wanti akkanatiif dubbiini Aabboo isan irra baatee, Maqedoni'a fi Akaayyaa callaa hingeenne, ammoo oduun dhugeeffachaa isan Waaqaa dhugefattan ya fulaa cufa geette. Wanti nu jechuu malle hinjirtu. Namii cuftii waan gaafa nu gara keessan dhumne, ka isan akka dansaa nu bulchitan dubbata, akka isan waan tolchanii waaqeffatan lakkiftanii Waaqatti deebitani, Waaqaa dhugaa ka jiruu hojjattani, Ilma isaa ka gubbaa gadi dhufu, ka innii du'a keessaa kaase, ka dallansuu Waaqaa ta hegerii dhuftu duraa nu baasu Yesus eegattan. Obboleeyyan teenna, akka imaltuun nu gara keessan dhandhee wa baate isanuu inbeettan. Adoo fulaa teessan ta Tasaloniqee hindhufin, akka Filiphiisiyuus keessatti dhaananii nu arrabsan, isanuu inbeettan. Ammoo Waaqii keennaa, adoo nami hedduun didellee, akka Oduu dansaa gara isaati dhufte isanti hasa'uu hinsodaanne, jabeenna nuu kenne. Wanti akkanaatiif wanni nu isan kadhannu wallaala, dharraa hamtuu fi soba tokkollee hinqabdu. Ammoo nu yo cufa akka Waaqii fedhu hasoomna, marroo innii nu dhugeeffatee oduu dansaa nuu kenneef. Nu nama gammachiisu hinfeenu, ammoo Waaqaa herrega garaa keennaa laalu gammachiisuu feena. Isan inbeettan, akka nu hasaa namaan sossobnuuni hindhumne, yokaani sabdooma keenna haasaan hindhossin Waaqii dhugaa keenna. Nu nama nu faarsu, isanii fi nama dhibiille hinbarbaanne. Adoo akka ergattuu Kiristoo nu silaa waan feenu isan irraa barbaaduu dandeennellee, ammoo nu gaafa isan waliin jirru akkuma haati ijoollee ufi qorqorattu guddoo isan qorqoranne. Nu marroo guddoo isan jaalanneef, jaalala teenna guddoo sun irraa kaanee oduu dansaa Waaqaa callaa isanii hinkenninee akka jireenna keennallee isani kenninu nu kurfoo jirra. Obboolleyyan akka nu adoo oduu dansaa Waaqaa isanitti haasomnuu akka isan hingaargaalchine halkani fi guyyaa gaargalaan hojjaanne isan inbeettan. Gaafa isanii warra dhugeeffatee waliin jirru akka adabii keenna qulqulloo, qajeelaa, ka faaci hinqabne tahe isan nuu dhugaa, Waaqilleen nuu dhugaa. Isani inbeettani, nu isanii cufaa akkuma abbaani ilmaani ufiiti herregu herrenne. Jireenna Waaqaatti isan yaamee, finnaa fi ulfinna isaa isanii qoodu gammachiisu, keessa ta'a jennee isan jabeessinee, isan qarqaarre. Ammalle marroo waan kanaatiif nu yo cufaa galata Waaqaa deebimna. Gaafa nu dubbii Waaqaatiin isanii dhumne, isan akka dubbiin sun ta namaatiin, ammoo akka dubbii Waaqaa caqaftanii; dhugeffattan. Isiinuu dhuguma dubbii Waaqaati. Waaqi jidduu isanii warra dhugeeffatee hojjachuuti jira. Obboleeyyan tiyya, isanilleen, akkuma gumiin Waaqaa; ta Kiristoo Yesus, ta Yihudaa keessa jirtu taate, taatan. Akkuma warrii lafa teessanii isan gaargalchee, akkuma sun warrallee Yahudiin gaargalchiti. Ta Aabboo Yesusii fi raagoota ijjeeftee, nullee haatee lafaa baftee, warrallee gaargalchite. Warrii warra guddoo Waaqaa dallansiise, nama cufa guddoo jibban. Warrii dubbii baafama namaa kennitu akka gosa dhibiitti haasomnu nu dhowwuu fedhe. Dabii warrii guyyaa cufa tolchu ammaa tana ya muummee bahe. Amma eegee dallansuun Waaqaa ya warra dhaqabde. Ammoo obboleeyyan, nu gaafa diqqoo tokko isaniin gargari baanee, guddoo ceekomnee silaa isan arguu feene. Ammoo nafaan fulaa fulaa teenne malee yaadaan gaargari hinbaane. Gara keessan deebi'uu feene. Keessumatti anin Phawuloos marroo hedduu deebi'uu fedhe, ammoo Sheexanatti nu dhowwe. Taatullee abdiin teenna, gammada keennaa fi wantii nu fuula Aabboo Yesus durratti yo innii deebi'u uf guddimnuuf isanumaaniti? Guddinnaa fi gammachuun teenna isan. Obsuu dadhamnaan nu akka Ateenaa keessa kophaa teennu buufanne, obboleessa keenna Ximotewos, ka nu waliin Waaqaa hojjatee oduu dansaa Kiristoo odeessu ergine. Akka innii isan jabeessee dhugeeffachaa teessan qarqaaru, nu isa ergine. Akka isaniin tokkolleen marroo ilaallachaatii fi illaallafne. Akka gaargalii akkanaa kunin fedhii Waaqaa isan inbeettan. Wantii akkanaatiif, adoo isan waliin jirruu, akka nu gaargalchan duratti isanitti himne; akkuma isan beettan wantii sunin ya taate. Mar. roo waan kanaatiif anin obsuu dadhabee Ximotewos ergee akka Sheexanii isan laallatee, hujiin teenna cuftii lafatti hinhamne, “Dhaqii, dhugeeffachaa warraa sun laali” jedheen. Ximotewos amma gara keessanii deebi'ee, oduu dansaa ta dhugeeffachaa fi jaalala teessaniitiin nuti gale. Inni ya akka isan yo cufa waan keennaa dansaa herreddanii ammallee akkuma nu isan arguu feenu isanilleen nu arguu feetan nutti hime. Obboleeyyan teenna tanaaf gaargalaa fi laaleffachaa teennaa cufa keessatti ya marroo teessaniif garaa jabaannee, dhugeffacha teessanitti nu jabeesse. Wanti akkanaatiif yo isan jireenna keessan keessatti Aabboon jabaattan nuu jireenna. Ammaa tana marroo teessaniif galata Waaqaa deebisuu indandeenna. Nu waan isanii jennee fuula Isaa duratti gammada arganneef galataa Waaqaa deebimna. Nu akka wal agarree waan dhugeeffachaa teessan guutaa isanii kenninuu, halkanii guyyaa garaa keenna cufaan kadhanna. Waaqaa Abbaa keennaatii fi Aabboo Yesus akka nu gara keessan dhufnu karaa nuu harinna. Aabboon akkuma nulleen isan jaalannu, jaalala isan wal jaalattanii nama dhibiillee jaalattan isanii guddisiinna. Karaa kanaan innii fuula Waaqaa fi Abbaa keennaa duratti gaafa Aabboo Yesus jara isa dhugeeffatu cufa waliin dhufu, garaa isan jabeessee, qixooftanii qulqullo taatan. Ta buufataa, obboleeyyan, isan akka taatanii Waaqaa gammachiiftan nurra ya barattan. Haguma duriitii isan akkasuma taatan. Amma nu maqaa Aabboo Yesusitiin, akka isan hagasillee irra jabaattan isan gorsinee isan kadhanna. Wantii akkasiitiif waan nu jabeenna Aabboo Yesusiitiin isan barsiisne inbeettan. Waaqii akka isan qulqulloomtanii algalooma lagattan fedha. Akkanaan namii tokkolleen obbolleessa ufiitti dabee waan isaa irraa hinfudhatin. Akka Aabboon warra waan akkanaa kana tolchu balleessu nu qaraa isanitti himnee, guddoo isaan gorsine. Waaqii, Algalooma keessa taa'aa nuun hinjenne, ammoo “Qulqullooma keessa taa'aa” jedhe. Tanaaf namii barsiisa kana dide cuftii nama hindinne, Waaqaa Hafuura Qulqulloo ufi isanii kennu dida. Wantii anin, “Wal jaaladhaa” jedhee barreessuuf hinjirtu. Waaqinuu ya akka isan wal jaalattan isan barsiise. Ammallee isan obboleeyyan Maqedooniyaa keessa jirtu cufa ya akkas jaalattan. Tanaaf obboleeyyan nu, akka hagasillee irra jaalattan isan kadhanna. Jabaadhaa! nagayaan taa'aa bultii teessan midhaafadha! akkuma nu qaraa isanitti himne humnuma teessaniin hojjadhaa bulaa! Akkanaan waan feetan nama tokkollee hinkadhattan, warrii hindhugeeffatinilleen isanii ceeree fokka. Obboleeyyan, nu akka isan akka warra abdii hinqamnee hinlaaleffanne waan dhugaa ka warra du'ee dabree barattan feena. Nu akka Yesus du'ee ka'ee dhugeeffanna; tanaaf akka Waaqii warra dhugeeffatee du'ellee isa waliin dhufuun indhugeeffanna. Barsiisaan Aabboo ta nu isan barsiisnu tana: nu warrii gaafa Aabboon deebi'u jirru, warra qara du'e kaan duratti hin yaanu. Qoonqoo ajaajaatti; qoonqoon maleekka guddaa, qoonqoon magalata Waaqaa dhufa. Aabboon gaafas gubbaa gadi bu'a, qaraa warrii adoo Kiristoo dhugeeffatuu du'ee du'aa ka'a. Achiin duubatti nu warra lubbuun jirru cufa dumansaa keessatti warra du'ee ka'e kaaniin walti guuranii, gubbaatti Aabboon wal waldeennee guyyaa cufaa Aabboo waliin teenna. Tanaaf dubbii tanaan wal jajjabeessa. Obboleeyyan hojjaan wantii kunin cuftii taatu yoom akka taate wanni isanii barreessuuf hinjirtu. Wantii akkanaatiif, akka Guyyaan Aabboo akka hattuun halkaniin dhuftu dhufu isan inbeettan. Adoo namii, wantii cuftii “Nagayaa badhaadha” jedhu badiin akka ciniinsuu nadheenii tasa dhufti. Namii tokkolleen duraa hinbahu. Ammoo obboleeyyan, isan dukkana keessa hinjirtanii, guyyaan sun akka hattuu tasa isanitti hindhufu. Isaniin cuftii warra ifaa, ka guyyaati. Nu warra halkaniitiiniti yokaan ka dukkanaatiiniti. Tanaaf nu akka jara dhibii rafuu hinmalle; yo cufa kurfoo teennee eeguu malle. Maaniif jennaan hirriibaa fi machiin namaa cuftii halkan. Ammoo nu warra guyyaati, kurfoo taa'uu malle. Dhugeeffachaa fi jaalala akka wantee sibiilaa ta qomaatti keyyaatanii keeyyachuu malle, abdii teenna ta baafamaalle akka koofiyaa sibiila keeyyachuu malle. Waaqii akka nu dallansuu isaatiin gaargallu nu hinfoohannee, ammoo akka baafama marroo Aabboo keenna Yesus Kiristootii jennee argannuuf nu foohate. Adoo gaafa innii dhufu nu jiraanne yokaan doonellee akka nu isa waliin teennuuf inni marroo teennaa du'ee. Mar. roo waan kanaatiif akkuma amma tolchitan kana wal qarqaaraa, wal jabeessaa. Obboleeyyan, nu akka isan warra Aabboon foohate, ka barsiisee isan gorsuu, ceertanii fokkitaniif isan kadhanna. Mar. roo hujii warrii hojjatuutiif ulfeessaa, jaaladhaa. Isanilleen nagayaan waliin taa'a. Obboleeyyan, warra homaa hinhojjanne gorsaa, nama ceeru jabeessa, lallaafaa qarqaara, nama cufaa obsaa jennee isan kadhanna. Akka namii tokkolleen haaloo wal hinfuune, qorqoradha, yo cufa waan dansaa walii fi nama dhibiillee tolcha. Yo cufa gammadaa, yo cufa Waaqaa kadhadhaa, Waan cufa keessatti Waaqaa galata galchaa, jireenna keessan ka Kiristoo keessatti wantii Waaqii isan irraa fedhu tana. Hujii Hafuura Qulqulloo hindhaanfina! Dubbii hafuura Waaqaatiin raagan hintuffatina! Waan cufa laalladhaa: waan dansaa olkeyyadha, hammeenna akka cufaa lagadha. Waaqii nagaya nuu kennu, karaa cufaan ka ufii isani tolfatiinna, lubbuu, onnee fi nafa keessan gaafa Aabboo Yesus Kiristoon dhufuu asi wallaala irra dhowwinna. Innii ka dhugeeffatan waan isan yaameef sun danda'ee intolcha. Obboleeyyan tiyya nullee Waaqaa kadhadhaa. Obboleyaan cufa nuu dhungadhaa nagaa itti nuu himaa. Akka isan ergaa waraqataa tana obboleeyyan cufaa dubbiftan ani jabeenna Aabbootiin isan kadhadhaa. Eebbiti Aabboo Yesus Kiristoo isan waliin tahinna. Phaawulos, Silwaanosii fi Ximotewos ergaa tana gara gumii Tasaloniiqee, ta Abbaa keennaa fi Aabboo Yesus Kiristoon takkaa taateetti barreessan. Waaqaa Abbaatii fi Aabboo Yesus Kiristoon eebbaa fi nagaa isanii kenninna. Obboleeyyaan nu yo cufaa marroo teessaniif Waaqaa galata galchuu malle; marroo dhugeeffachaan teessan guddoo daramtee, ammallee jaalalti isan waljaalattan guddatteef, nu akkas tolchuu malle. Mar. roo waan kanaatif nu gumii Waaqaa keessaatti dansooma keessan dubbanna. Akka isan gaargalaa fi dhiphuu isantti dhufte keessaatti obsitanii dhugeeffattan dubbanna. Beessisii murtii Waaqaa ka dhugaa kana, marroo waan kana cufaatiif isan mootummaa Waaqaa ta amma gaargalufiitti jirtan tana ya maltan. Waaqii waan qajeelaa tolcha, innii warra isan gaargalchu ingaargalcha. Adoo amma gaargaltaniillee Aabboo Yesus gaafa ergamtoota isaa gugurdoo waliin gubbaa mullatu nu waliin isan qarqaara; Aabboon ibidda boba'aa waliin mullata; gaafasi warra Waaqaa hinbeenneef ka dubbii dansaa Yesus Kiristoo hincaqamne ingaargalcha. Warra Waaqaa hinbeenne sun fuula Waaqaatii fi jabeenna isaa guddaa duraa kaassaniitti badii haga jiruu jireennaatti galchan. Guyyaa Yesus gumii isaa qulqulloo keessaatti guddifamuu fi ka warra isa dhugeeffate, cufaa irraa ulfinna argachuu dhufuu, isaniilleen marroo oduu dansaa nu isaniitti himne dhugeeffattaniif warra sun keessa jirtan. Tanaaf nu yo cufaa akka isan jireenna Waaqii keenna itti isan yaame argattanii, jabeenna isatiin waan dansaa isan feetan cufaa isanii kennee, isan hujii teessan dansaa dhugeeffachaa guuttan, yo cufaa isanii kadhanna. Karaa kanaan maqaan Aabboo keenna Yesus guddinna isan irraa argatee, isaniilleen eebba Waaqaatii fi ta Aabboo keenna Yesus Kiristootiin isa irraa ulfinna argattan. Namii tokkolleen karaa tokkolleen isan hinsobin. Haga lolii guddaan qaraa ka'ee namii hamaan aadaa hinbeenne ka fulaa ibidaatii male mullatuutti guyyaan sun hindhufuu. Namii dhufu sun waan namii kadhatuuf ka namii guddisu cufaa hindida. Innii waan cufaa irra ufi guddiseetti, dhaqee mana Waaqaa keessa taa'ee Waaqaa ufiin jedha. Waan kana cufaa akka anin adoo isan waliin jiruu isaniitti hime hinqaabatanii? Amma wayiitti waan kana ta'uu dhowaa, isaniilleen waan sun hinuma beettan. Yo fulaan geette hamaan sun inmullata. Hammeennii namii hubachuu hindandeenne sun ammaa lafa jira, ammoo haga namicha waan sun dhowwu karaa keessaa gorsaniitti wantii ta'uu malte hintaatu. Duuba hamaan aadaa hinqamne sun hinmullata; Aabboo Yesus ammoo hafuura afaan isaa keessaa ba'uun isa ijjeesseetti, dhufiisa isaa ka guddinnatiin lafaa isa balleessa. Hamaan aadaa hinqamne kaan jabeenna sheexanatiin dhufeetti mamiisa gosa hedduutii fi akeeka dhara akka hedduu tolchee, soba hedduun warra badu soba. Mar. roo dhugaa warra baaftu jaalachuu didaniif badan. Mar. roo waan kanaatiif Waaqii akka waan dhara dhugeeffatan wallaala hamtuu warraatti inerga. Duuba nama amma dhugaa hindhugeeffatiin, ka daba jaalatu cufaa, wallaala itti muran. Isan obboleeyyaan Aabboon jaalatee, akka Hafuura Qulqulloon qulqulloomtanii, dhugaatti dhugeeffatanii, baaffamtan Waaqii qaraa foohatee, yo cufaa marroo teessaniif Waaqaa galata galchuu malle. Waaqii oduu dansaa ta nu isaniitti haasoomneen isan yaame; wantii innii isan yaameef akka isan qooda guddinna Aabboo Yesus Kiristoo argattan. Tanaaf obboleeyyaan, dhugaa nu barsiisa dubbii afaantiin yokaan ergaa barreessine keessaalleetti isan barsiimne qaabadhaa jabadhaa dhaabadhaa. Aabboo Yesus Kiristoo fi Waaqii Abbaa keennaa, ka nu jaalatee, eebba ufiitiin jajjabeenna barabaraatii fi abdii dansaa nuu kennee, garaa keessan jabeessee isan kibinna, akka waan dansaa callaa dubbattanii tolchitan. Tana maleellee obboleeyyan, Waaqaa nuu kadhadhaa, akka dubbiin Aabboo hurriftee fulaa cufa geettee, akkuma fulaa teessaniitti fudhatan, akka ulfinnaan fudhatan Waaqaa nuu kadhadhaa. Ammallee, akka Waaqii harka nama hamamaatii fi nama dabaa keessaa nu baassu kadhadhaa. Wantii akkanaatiif namii cufiitii dhugeeffachaa hinqabu. Ammoo Aabboon ka dhugaati; innii isan jabeesseetti sheexanaallee isan iraa dhowwa. Aabboon ya isan nu dhugeeffachiise; ammallee, akka isan waan nu isaniitti himnu cufaa ardhaa fi hegeriillee guuttan nu inbeenna. Aabboon jaalala Waaqaatii fi obsa Kiristoon namaa kennuutti isan akeekiinna. Ammallee obboleeyyan teenna, maqaa Aabboo Yesus Kiristootiin isaniitti himnaa, obboleeyyaan hujii hojjachuu diduu ta waan nu barsiimne cufaa gula hin yaane irraa fagaadhaa. Isaniiyyu akka waan nu tolchine tolchuu maltan inbeettan. Gaafa isan waliin jirru nu hujii hojjachuu hindinne. Qarqaarsa nama tokkollee akkanumaatti hinfudhanne. Ammoo akka nama tokkoollee hindhimne halkanii guyyaa dadhabnee hojjanne. Nu waan kana marroo waan nu argachuu malle nuu kenna jechuu hindandeenneef hin lakkimne, ammoo akka akeeka dansaa isan agarsiimnuuf lakkimne. Gaafa isan waliin jirru, “Namii hojjachuu didu sagalee hin nyaatin” jennee la isan ajaje. Wantii nu waan kana jennuuf, waan akka namii garii jidduu teessan keessaa hujii hojjachuu didee, waan nama dhibii callaa akka yakkuu jiru marroo dhageenneef. Jara sun akka warrii hujjii ufii adabaan hojjatee ufii bulchuu, Maqaa Aabboo Yesus Kiristootiin itti himnee gorsina. Obboleeyyaan teenna, isan ammoo waan dansaa tolchuu hindadhabiinaa. Nama dhaamsa nu ergaa tana keessaatti barreessine kana hinguunee, laalaa irraa fagaadhaa. Akka innii ufumaan ceeru. Ammoo akka nyaapha isaa hintolchiina, akka obboleessaa gorsaa. Aabboon, ka nagaa namaa kennu, yo cufaa fi woma cufaan nagaa isan guutinna. Aabboon isan cufaa waliin ha taa'uu. Anin waan kana harkuma kiyyaan barreessa. Anin Phaawulos nagaa isanii dhaama. Anin yo cufaa ergaa tiyya akkuma kana barreessa; akeekii beekaniin kun ergaa tiyya cufaa irruma jira. Eebbitii Aabboo Yesus Kiristoo isanii cufaa waliin taa'inna. Anin maqaan kiyya Phaawuloo, ka fedhii Waaqaa baasaa keennaatii fi ka kiristoo Yesus abdii keennaa gula, ergamaa Yesus Kiristoo ta'ee. Ergaa tana gara ximootewoosii dhuguma dhugeeffachaan ilma kiyya ta'ee barreessa. Waaqaa Abbaatii fi kiristoo Yesus Abbaan keennaa eebbaa, naasuu fi nagaa sii kenninna!. Akkuma anin gaafa Maqedooniyaa deeme sitti hime kaanii, sii Efesoo teettee warra dubbii dharaa achitti barsiisuu jiru sun dhowartu fedha. Oduu duriitii fi waan muummee hinqamne ka hidda dhalootaa walii hedan sunii wal mormii uumuu malee akka hujii isan dhugeeffachaan Waaqaa tolchitanii homaa hin baannee warraatti him. Wantii nu seera kana baamneef akka jaalaltii garaa dansaa, qalbii fi dhugeeffachaa dansaa keessaa baatu mulalattu. Namii garii ya waan kana lakkisee moroomaa homaa hin baane gula bade. Warrii kun waan ufii dubbatanii yokaan waan jabeessanii odeessan adoo hin hubatinnuu, barsiisota seera Waaqaa ta'uu fedhan. Yo silaa namii karaa dansaa gulaan hojatee, akka seerii dansaa inbeenna. Wantii hubachuu malan seeri nama dansaaf hin baamne; ammoo warra seera cabsuufaa, ka wayi yakkufaa, ka Waaqaa hin beennefaa, ka daba tolchufaa, ka aadaa Waaqaa qulqulloo gula hin yaanefaa, warra haadhaa-aabbaa ufii ijjeessufaa, ka nama fixufaa, shaarmuxaa fi middiisaafaa, nama nama hatee guuratufaa, ka dhara dubbatee kiyyibu faa fi ka barsiisa dhugaa lakkisee waan dhibii tolchu kanaaf baasan. Barsiisaan oduu dansaa ta Waaqaa Abbaa guddaa eebbaa irraa dhufte, ta harka kiyyaatti kennan tana. Anin kiristoo Aabboo keenna ka jabeenna anin hujii isaatiin hojjadhu naa kennee, herregee na foo'atee, adoo durii tuffadhee biraa deemellee amma galata deebisa. Adoo anin durii dhugeeffachaa dhabee isa tufadhe, adoo hin hubatinuu wallaalee gaargalche arabseellee Waaqii ya naa nahe. Aabboon eebba ufii ta karaa dhugeeffachaa fi jaalala Yesus kiristoo irraa argatan ya guddisee naa kenne. Jechii, “Kiristoo Yesus akka namaa dabaa baasuuf lafa tana dhufe” jedhu kunin jeecha dhugaa ka namii cuftii fudhachuu male. Warra cubboolee keessaallee anin nama nama cufaa irraa cubbichaati. Taatullee, Yesus kiristoon akka anin warra jireenna barabaraa dhugeeffatee jireenna argatuu fakkenna ta'u, na nama nama cufaa irra cubbichaatii araaramee, obsa ufii narratti mullise. Waaqaa tokkocha, Hayyuu barabaraa ka hin doonee, ka hin mullanne, ammaa fi hegerillee guddinnaa fi ulfinnii isaa ha ta'uu Ee'e jenne!. Ilma kiyya! ximootewoos anin dhaamsa dubbii fagiisaa ta durii waan kankee faguu gula dhaamsa kana sitti dhaamadha; akka dhugeeffachaa fi herega dansaa horattee, yo atin hadhiisa dansaa haatee dubbin sun waraanaa wantee ha sii taatuu. Namii garii herrega dansaa gula yaa'uu dideetti, dhugeeffachaa ufii balleessa. Himnewosii fi Iskindiriillee ka warra kana keessa jiran aka warrii itti deebi'ee Waaqaa hin arrabsinee anin ya harka sheexanaatti kenne. Qaraa fiixee, waan cufaa duraatti kadhachaa, yaammachaa fi galata Waaqaa deebisaa marroo nama cufaatiif tolcha. Ammallee hayyootaa fi warra lafa fidu cufaa Waaqaa kadhadhaa, akka nu jireenna nagayaatii fi adaba dansaa keessa teennu. Wantii kun waan dansaa, ammallee Waaqaa baasaa keennaa gammachiiftii. Innii nama cufaa ka baafamee dhugaa baratu fedha. Wantii akkanaatiif Waaqaa tokko callaatti jira, ammallee ka Waaqaa fi nama walti fidu namicha tokko ka kiristoo Yesus jedhan callaatti jira, ka nafa ufii nama cufaa kennee akkasiin nama baase; guyyaan sun geennaan namii cuftii dubbii sun ya dhugeesse. Mar. roo waan kanaatiif akka anin ergamaa fi barsiisaa gosa dhibii tahu na ergan, akka dhaamsa dhugeeffachaatii fi dhugaa haasa'u; anin kiyyibuutti hin jiru dhugaa dubbachuutti jira malee! Anin nama dhiiraa cufaa ka fulaa cufaatti dallansuu fi walmormii malee jaalala qulqulitti Waaqaatiin harka ballisee olqabatee Waaqaa kadhatu fedha. Anin nadheeniillee ta ceertee wayaa isii fakkaattu hidhattuu fedha; nadheen mataa akka shoobaa filattee, warqii, dooqaa fi wayaa gatii gugurdoo keeyyachuu hin malle! Isiin ammoo akka nadheen aadaa Waaqaa beettuu hujii dansaa haa hojjattuutii! Nadheen calleessaa fi obsaan wayi barachuu malte. Anin nadheen callisuu malte jedha malee, ha dhiira barsiiftu yokaan ha dhiira fiddu hin jedhu! Wantii akkanaatiif durii qaraa Addaam uumanii, eegee Hewwaan uuman. Addaam hin sobamnee, niitiin ammoo sobamtee seera Waaqaa cabsite. Nadheen ammoo yo ijoollee dhaltee, dhugeeffachaa, jaalalaa, qulqulloomaa fi adaba dansaan teette baafamti. Jechii, “Namii jaarasa dura deemaa gumii Waaqaa ta'uu fedhuu, waan ulfinnaa barbaada” jedhu kuniin ka dhugaati. Jaarsii sun nama wallaala hin qamne, ka niitii tokko callaa qabu, ka qalbii dansaa qabu, ka amala dansaa qabu, ka ufii qorqoratu, ka nama keessummoomsuu fi ka akka dansaa namaallee barsiisuu danda'u ta'uu male; innii nama machaa'ee namaan waldiduu fi nama horii jaalatu hin ta'inii, ammoo nama laanaa ka nagaya jaalatu ha ta'uutii; Nama warra ufiillee akka dansaa qorqoratuu ka ijoollee ufiillee saalaa fokkoo barsiisuu ha ta'uu. Wantii akkanaatiif namii warra ufiituu akka bulchu hin beennee, akkamiin danda'ee gumii Waaqaa bulcha? Akka sheexanii durii ufi guddisee wallaala itti muran, akka akkasi ta'ee isaalletti hin murree, nama dhiyoo dhugeeffate hin ta'in. Innii akka ceeree xuruuraa sheexanaa keessa hin seennee, nama namii alaalleen saadu ha ta'uutii! Namii hujii gumii Waaqaa hojjatuu, nama adaba dansaa, nama dhugaa, ka ulfina nama irraa qabu ha ta'uu malee, nama arraba lama dubbatuu, nama horii guddaa argachuu fedhu, nama guddoo farsoo dhugee saabdaa'uun hin ta'inii! Herrega dansaan aadaa fi dhugaa dhugeeffachaa teennaa ha jabeessuutii. Qaraa ilaalanii ha qorqoratanii, yo waan hamtuu tokkollee irraa dhabanii hujii itti ha kennanii. Nadheen warraalleen nama hin hamatin; adaba dansaa, qalbii dansaa fi dhugaa waan cufa keessaatti ha qabaattuu! Namii hujii gumii Waaqaa hojjatuu niitii tokko callaa ha qabaatuu; ammallee ijoollee fi warra ufii akka dansaa ha qorqoratuu. Warrii hujii gumii Waaqaa akka dansaa hojjatee, maqaa guddoo dansaa argate; ammllee dhugeeffachaa Yesus kiristoo irraa qabaniillee sodaa malee haasaan! Anin yo ergaa tana sii barrseessuutti jiru sunii waan dhiyoottuu dhufee si argu seha. Ammoo yo anin tureellee, ergaan tunin akka gumiin adaba dansaan mana Waaqaa keessa taa'uu maltee si beessifti. Manii sun mana gumii Waaqaa ka jireennaa, ka utubaa fi yayyaba waan dhugaati. Namii tokkolleen akka dhossaan guddoon dhugeeffachaa teenna keessa jirtu danda'ee hin mormu! “Innii akka namaa ta'ee dhufee, akka innii qajeelaa hafuurii himee, ergamtootii Waaqaa isa agartee, gosa cufaatti waan isaa haasaanii, lafa cufa irraatti isa dhugeeffatanii, ulfinaan gubbaatti ol fuudhanii” jedhanii ya himan. Akka namii garii eegii tanaa dhugeeffachaa ufii lakkisee, hafuura dharaatii fi barsiisa jinnii gula yaa'uu hafuurii qulquloon akkuma dansaa diidessee hima. Barsisaan sobaa tuninii nama dharaatii fi nama herregii warraa akka waan ibiddaan gubanii jiru irraa dhufti. Warrii kun, “Nadheen fuudhanii fi sagaleen garii ta nyaataniilleen fulaan” jedha. Waaqii ammoo, sagalee gosa gosaa tanaa akka warrii dhugeeffachaa qabuu fi ka dhugaa beeku nyaatee galata deebisuuf uume. Wantii Waaqii uume cuftii dansaa; waan tokkoollee diduu hin malle, ammoo waan cufaa galata deebisanii fudhachuu malan; wantii akkasiitiif dubbii Waaqaatii fi kadhachaattti waan kana Waaqaa duraatti qulqulleessa. Atin yo waan kana cufaa obboleeyyan teennaa diidatti baaftee, hojjataa dansaa Yesus kiristoo ka dubbii dhugaa fudhatee barsiisa dhugaa gula deemu taata. Oduu durii ta jaarroleen nadheenii mammaattuu fi dubbii warrii Waaqaa hin beenne dubbatu hin caqasinii; jireenna Waaqii sirraa fedhu gula buli! foon nafaa ufii jabeessuun homa diqqoof wa namaa baati; jireennii Waaqaa ammoo ammaafi hegeriillee nama cufaa wa baha. Jechii kun jecha dhugaa ka fudhatanii dhugeeffachuu malan. Keessummattuu nuun warra dhugeeffatee, marroo waan abdii teenna Waaqaa jiru ka baasaa nama cufaa irra keeyyanneef, nu guddoo hojjannee itti dadhamne. Waan kana namaatti himii! Akka dansaa nama barsiisi! Namii tokkoolleen marroo atin ka'ima taateef si hin tuffatin, ammoo dubbii, adabaa, jaalalaa, dhugeeffachaa fi qulqulloomaan warra dhugeeffatee akeeka tahi! Haga anin dhufuttii dubbii Waaqaa namaa dubbisii, nama gorsii, barsiisii, jabeessii hojjadhu! Kennii hafuuraa ta si keessa jirtuu, ta gaafa raagootii dubbattee jaarroleen harka sirra keette argattee hin dedhin. Waan kana itti jabaadhuu guuti, akka namii cuftii akka atin duraatti deemte si argu! Ufii fi barsiisa keetiillee eegadhu, itti jabaadhuu guuti! Wantii akkanaatiif yo atin waan kana guuttee, ufii fi jara si caqasuullee hin baaftaa. Nama jaarsaa tokkoollee hin ceersinii, ammoo akka abbeetii saalafadhuufii gorsi! Ka'imaallee akka obbboleeyyaan teetiittii, jaarrolee nadheenii akka haawwan teetii, ka'ima nadheenii qulqullooma dhugaatiin akka obboleeyyan teetii herrgadhu Nadheen dhiirsii irraa du'ee ceeriifii dhugumaan qorqoradhu! Nadheen dhiirsa hin qamne, ijoollee yokaan akkoowwan yo qabaattee ammoo, ijoolleen sun qaraa aadaa dhugeeffachaa Waaqaa ha warraa ufiitii guutee ammallee galata guddisaa baaftuufi! Akka akkasiin Waaqallee gammachiiftu. Niitiin dhugumaan dhiirsa hin qamne, ta ammallee nama qorqoratu hin qamnee, abdii ufii ya Waaqaa irra keeyyattee halkanii guyyaa qarqaarsa Waaqaa kadhatte. Niitiin dhiirsa hin qamne, ta ammoo gammada waan lafaa feetu, adoo nafaan jiraatteellee ya doote. Akka namii tokkoolleen wallaala isaanitti hin murre seera kana warraa kenni! Ammoo namii fiixaa ufii faa, keessumattuu abbaa fi haadha ufii faa yo hin qorqorannee, innii ya dhugeeffachaa ufii lakkisee, jara hin dhugeeffatniiyyuu hin ga'u! Nadheen haga isiin ganna jaatamaa geettutti maqaa isii nadheen dhiirsa hin qamnetti hin darini. Ammallee nadheen marroo tokko callaa fuudhan ha taatuu. Ammallee gurra dansaa durii ka hujii dansaa hojjattee qaabaachuu malte; niitii ijoollee ufii akka dansaa guddifattee, keessummaa keessumeesitee, gumii Waaqaa qulqulloo miila dhixxee, nama gaargala qabu qarqaartee, waan dansaa ufi baaftee fi hujii dansaa cufaa hojjatte ta'uu malte. Nadheen ka'imaa maqaa nadheen dhirsa hin qamneetti hin darinaa! Wantii akkanaatiif isiin yo fedhii dhiiraa qabattee akkanumaatti taa'uu dadhabdee, Kiristoo irraa baddee dhiirsa fuudhuu feetii. Kakuu qara Waaqaa galan cabsanii, balleessaa ufumaan ufitti muran. Wantii akkanaatiif nadheen dhiirsa hin qamne ta garii amma ya sheexana gula yaate. Niitiin kiristaanaa yo nadheen firaa ta dhiirsa hin qamne mana isii jiraatte, gumii kiristaanaa ta nadheen dhiirsa dhugumaan hin qamne qarqaartu hin gaargalchinii, isummaan ha qarqaartuu! Jaarrolee nama dura yaatee hujii Waaqaa akka dansaa hojjattee fi keessumaattuu warrii dubbii Waaqaa haasa'ee barsiisee, harka lamaa ulfinna argachuu male. Wantii akkanaatiif qoonqoon Waaqaa qulqulloon, “Qotiiyyoo yo isiin midhaan dhaantu, afaan hin hidhin” ammalle, “Namii hojjatuu gatii ufii argachuu male” jetti. Yo jaarsa gumii himatan haga namii lamaa sadii dhugaa itti ta'uutti dubbii sun hin caqasinaa. Akka namii dhibiilleen argee sodaatu, nama cubbuu hojjatu cufaa fuula gumii duraatti loliin! Fuula Waaqaa guddaa, ka Yesus kiristootii fi ka ergamtoota Waaqii foo'atee duraatti, anin si kadhadhaa, bariisa tana gula deeme; nama tokkoollee jaalattee wal hin caalchifatinii! Hurriftee nama tokkoollee hujii Waaqaatii filuuf harka irra hin kaa'in! Daba nama tokkoollee keessa hin seeninii, ufi qulqulleessi. Waan yo cufaa garaan si dhukkubee fayyaa dhabduufii, bisaan callaa hin dhugnii daadhiillee diqqoo tokko dhugi! Dabii nama garii guddoo mullata, dabii warraa kunii warraan duraatti fulaa muraa dhaqa; dabii nama garii ammoo eegee dhaqqaba. Hujiin dansaalleen akkasuma yoosuu mullatti, ta guddoo hin mullannellee danda'ani hin dhossan. Akka namii tokkoolleen waan hamtuu maqaa Waaqaatii fi barsiisa teennaan hin jennee, tisseeleen cuftii ha abbootii ufiitii saalafattuu! Mar. roo warrii obboleeyyan taateef tisseelleen abbootii ufii ta kiristaanaa hin tuffatinii, ka akka dansaa hojjattuufii, wantii akkanaatiif hujiin warraa, abbootii warraa ta dhugeeffattee warra jaalattu sunii wa baati. Wannii ati barsiiftee dubbachuu malte tana. Namii barsiisa dhibii barsiisu, ta dubbii Aabboo Yesus kiristoo ta dhugaatii fi waan aadaan teenna nama barsiiftu diduu, kiyyibaa homaa hin baane; innii dubbii walmormiitii fi waldiddaa callaa beeka, wantii kunin, qoxxee, waldiddaa, arrabaa fi wal quufa dhaba hamaan dhufti. Warrii qalbiin isaanii baddee mataan isaanii waan dansaa hin herrenne, ka dhugaa irraa fuudhan, waan yo Waaqaatti dhugeeffatu akkasiin horii argatu ufi seha. Dhugeeffachaan Waaqaa guddoo nama duroomsiti; yo namii sun waan qabu sifeefate. Nu gara lafa tanaa waan homaanuu hin dhufniif, homaa fudhannee deemmuu hin dandeennu. Tanaaf yo wayaa fi sagalee qabaannee nu geetti. Warri durummaa fedhuu ilaallachaa keessa duudeettii, xuruuraa daallummaatii fi dharraa waan hamtuu ta badiitti nama harkiftuun qabamee bada. Wantii akkannaatiif jaalaltii horii madda hammeena chufaat; namii garii guddoo dureessa ta'uu fedhee, akkanaan dhugeeffachaa irraa badee, guggubatee laaleffata. Ati ammoo namii Waaqaa waan kana cufaa lagadhu! Waan dhugaa, ka Waaqii fedhuu ta dhugeeffachaa, jaalalaa, obsaa fi laanaa deemitii barbaad. Utaalcha dhugeeffachaa keessaatti akka dansaa utaali! Jireenna hegerii argadhu! Wantii akkanaatiif marroo jireenna kanaatiif Waaqii gaafa atin dhugeeffachaa tantee gumii duraatti himattee, Waaqii si yaame. Anin Waaqaa jireenna waan cufaa, kennuu fi Yesus kiristoo ka Phonxos Philaaxos duraatti waan dhugaa himaate duraatti sitti hima. Haga guyyaa Aabboo keenna Yesus kiristoon mullatuutii asi seera cufaa, wallaala malee jabeessii guuti. Yo fulaan geette, Waaqii eebbaa, ka innii callaan nama fidu, Hayyuun Hayyoota cufaa, Abbaan Abbootii cufaa, isa hinmullisa. Ka hin doone, ka ibsee namii itti dhi'aachuu hin dandeenne keessa taa'u isa callaa; namii tokkolleen takka isa hin garre, hegeriillee hin argan. Ulfinnaa fi jabeennii haga jiruu jireennaa isaa ha ta'uu! Ee'e jenne! Dureeyyii lafa tanaatiin ufi hin guddisinaa, abdii teessan durumaa lafa tanaa ta namii waan isii akka hin beenne irra hin keeyyatinaa, Waaqaa ka akka nu gammannu arjoommaan waan cufaa namaa kennu, irra keeyyadhaa jedhiin. Horii kessan waan dansaan hojjadhaa! Hujii dansaan duroomaa! Arjaa ta'aa waan Waaqii tolummaan isani kenne cufaa waliin ga'aa! jedhiin. Akkanaan hojjachaa yayyaba horii ka egerii namaa ta'uu, tolfatan; akka akkanaan, jireenna dhugaa argatan. Ximootewoos, waan harka keetitti lakkisan jabeessi! Haasaa Waaqii hin feene, ka daallummaa, ka namii garii wallaalee “Beekkummaa” jedhuun lakkis. Wantii akkanaatiif namii garii waan dhugeeffachaa sun qabu ufi sehee, dhugeeffachaa ufii balleese. Eebbitii Waaqaa isanii cufaa waliin jiraatinna! Maqaan kiyya Phaawulos, anin fedhii Waaqaa gula ergamaa Yesus Kiristoos, ta'e. Akka anin ergamaa Yesus Kiristoo ta'ee oduu dansaa jireenna Yesus Kiristootiif nuu kakhatan isatti na erge. Gara Ximotewos, ilma kiyya ka ani jaaladhuu: Waaqii Aabbaan, Kiristoo Yesusii fi Aabboon keenna, eebbaa, naasuu fi nagaya sii kenninna. Anin Waaqaa ka qalbii dansaan, akkuma abaabootii teenna hojjatte hojjadhuuf, galata deebisa. Anin halkanii guyyaallee kadhachaa tiyya keessaatti marro tante yo isaa kadhadhuu galata deebisaaf. Imimmaan kankee qaabadhee, waan kanaaf guddoo si arguu fedha, akka guddoo gammadu. Anin dhugeeffachaa dhugaa ta akka akkoo tantee, Lo'osii fi haadhaate Ewuniiqeen qabanii, akka Atileen tama akkasii qabduu, inbeeka. Mar. roo waan kanaatiif anin si qaabsiisaa, eebba Waaqii gaafa anin harka sirra kaayee sii kennee fi hujii tanteellee jabeessi. Wantii akkanatiif Waaqii hafuura nu dadhabisiisu nu hinkkenninee, ammoo hafuura jabeennaa, jaalalaa fi ufi qorqorachaa nuu kenne. Akkuma Waaqii jabeenna sii kennee, marroo oduu dansaatiif gaargala malee, Aabboo Yesus dhugeessuu inceerfatin; anaa marroo isaatiif hidhanillee inceerfatin. Innii nu baaseetti, jireenna qulqullootti nu yaame, wantii innii nu baaseef marroo nu waan dansaa tolchineefiinitii, marroo fedhii fi eebba isaati. Inni eebba tana adoo lafa hinuumiinuu karaa Kiristoo Yesusiitiin nuu kenne. Amma ammoo dhufiisa Qarqaarsa keennaa karaa Kiristoo Yesusiitiin ya nutti mullisan. Innii ya jabeenna du'a dabsatee, oduu dansaan jireenna hinhobbaane mullise. Akka anin oduu dansaa haasa'ee, ergamaa fi barsiisaa ta'uu, Waaqii ya na fohate. Anin marroo waan kanaatif akkana gaargaluu jira. Anin ammoo waan ka abdadhee beekuuf hinceerfadhu, ammallee akka innii haga guyyaan gahuuti waan harka kiyyaatti kenne qorqoratu inbeeka. Dubbiin dhugaa ta anin si barsiise ha akheekha sii taatuutii, jabeessi, dhugeffachaa fi jaalala ta marroo Kiristoo Yesusiitiif teenna taatee keessa ta'i. Jabeenna hafuura qulqulloo nuu keessa jiruutiin, waan dansaa harka keetitti kennan jabeessi. Akkuma atuu beettuu warrii biyya Asiyaa keessa jiruu cuftii, Fiigelosii fi Hermogenelleen la na biraa yaan. Waaqii warra Oneesiforosiitii na'iinna; waan warrii gaafa anin hidhaansaa keessa jiru na hinjibaanee marroo hedduu garaa na jabesseef. Innii ammoo akkuma dira Roomaatiin baheen, na barbaadee na arge. Aabboon akka innii guyyaa sun naasuu Aabboo irraa argatu tolchiinna. Atiiyyuu waan inni Efesoo keessatti naa tolchele akkuma dansaa beetta. Atin, ilma kiyya! Mar. roo eebba Kiristoo keessa jirtu qabduu jabaadu. Dubbii tiyya ta anin si duraatti nama hedduu barsiisee, atilleen nama dhugeffatu, ka danda'ee nama dhibillee barsiisutti kenni. Akka loltuu Kiristoo Yesusiitti, qooda kankee ka gaargalaa fudhadhu. Warrii waraanaa hujii hojjatuun guddaa isaanii gammachiisuu fedha, malee waan dhibii ka hujii warra waraanaa hinta'in keessa seenuu hinfedhu. Namii utaaluu, aadaa waldogoomsuu guutu malee, homaa hinargatu. Abbaan oobruu ka akka dansaa hojjatee, midhaan qaraa ka oobruu ufii argachuu male. Waan anin siin jedhe kana herregi, Aabboon waan cufaa si hubachiisaa. Yesus Kiristoo ka du'a keesaa kaassan, ka dhaloota Daawiti, akkuma oduu dansaa anin barsiisu keessaatti himan qaabadhu!. Waan anin oduu dansaa haasa'eef na gaargalchanii, ammallee akka nama wa yakkee na hidhani. Dubbiin Waaqaa ammoo hidhaansa keessa hinjirtu; marroo waan kanatif anin gumii Waaqii foohatee jedhee obsa, akka warrilleen baafama karaa Kiristoo Yesus gula jiruu guddinna hegerii waliin argatu. Jechii kunin jecha dhugaati: Nu yo Kiristoo waliin doonee, isa waliin jiraanna; yo obsine, isa waliin lafa finna: Yo nu isa mormanne, inniilleen nu mormata; innii waan danda'ee nafa ufii hinmormaneef, adoo nu dhugeeffachaa irraa gorreellee, innii kama dhugeeffatan. Gumii tantee waan kana qaabsiisii, Waaqaa duraatti gorsi; akka warrii marroo dubbiitiif wali hindinne. Wantii sun ufumaa warra caqasu callaa balleessiti malee, homaa namaa hinbaatuu. Ati akka Waaqi hujii tanteetti quufu, akka hojataa huji ufiitti hinceeree, ka dhaamsa Waaqaa qajeelchee himuu ufi qorqoradhu. Haasa bu'aa hinqamne, ka nama Waaqaa hinbeennee, ka Waaqaa irraa nama fageessuu, irraa fagaadhu. Wantii warri barsiisu akka madaa qoramtee namaa nyaanyaatu jirti. Himnewosii fi Filexoosiilleen warra waan akkanaa kana barsiisu keessa jiran. Warrii kunin “Du'aa ka'iisii keenna ya dabree” jedheetti, karaa dhugaa lakkissee, dhugeeffachaa nama gariillee balleesse. Ammoo yayabii Waaqii keeyyate hinchocho'u; ammallee dubbii tana irraatti barreessiin: “Aabboon warra isaa cufa fuula beeka, ammallee namii ‘Nama Waaqaa’ ufiin jedhu hameenna lakkisuu male” jetti. Mana guddaa tokko keessa mi'a gosa hedduutti jira. Ka garii qarsii, warqii, ka garii faaraa fi muka; ka garii gatiin guddoo ka garii gatiin diqqoo. Namii yo waan hamtuu cufa irraa ufi dhowwee, ya ufi qulqulloomse, waan innii akka hujii dansaa cufa hojatu ufi baasee abbaa ufiitii wa ba'eefii, nama sunii waan jabdu tolchan. Dharraa ka'imoomaa lakkisii, jara garaa qulqulloon Aabboo yaamatu waliin dhugeeffadhu; dhugeeffachaa, jaalalaa fi nagaa barbaad!. Ammoo haasaa daallumaa ka nama homaa hinbeenne irraa fagaadhi; wantii kunin waldiddaan dhufti, inbeettaa. Hojjataan Aabboo nama cufaa na'ee, barsiisaa dansaa fi ka obsa qabu ta'uu male, malee namaan waldiduu himmalle, innii ka laanatuu karaa nama isaan morkuu garsiisu ta'uuu male; hegerii Waaqii daba irraa warra deebiseetti, dhugaa warra barsiisafaa. Duuba qalbiin warraa deebinaan xuruuraa Sheexanii warraan qabee moo'ate keessaa baqatan. Guyyaan muummee gaargala hama qabaa waan kana qaabadhu. Namii ufi qofa jaalata, insabda'aa, ufi guddisu, ufi saadu; walarabsu, warra ufiitii saalfachu dida, galata galchuu dida, aadaa Waaqaa lakkisa; arjaa ta'uu dida, naasuu lakkisa, maqaa walxureessa, waldida, walhadha, waan dansaa jibba; walballeessu fedha, mataa jabaata, ufi guddisa, Waaqaa irra gammada jaalata; nama aadaa Waaqaa guutu ufi tolcha, ammoo jabeenna isii dida. Jara akkanaa kana irraa fagaadhu. Namii garii mana nadheenii dhaqeetti, nadheen lalaaftuu qaraa dabii itti guddaatee dharaa gosa cufaa gula yaatu fudhata. Nadheen tunin yo cufaa wa barachuu feetii, ammoo haguma jirtu dhuga hinbarattu. Akkuma durii Yaaneesii fi Yaambres dubbii Muusaa diddan, akkasuma warrii kuniilleen dhugaa dida; warrii warra herrega hinqamne, ka dhugeeffachaa argachuu dadhabe. Akkuma dallumaan jara durii kaan beekkamtee, ta jara kanaalleen waan nama cufaa duraatti argamuu jirtuuf, wantii kunin garuu hindhaxu. Amma atin barsiisaa tiyyaa, adaba kiyyaa fi jireenna kiyya gula ya deemte; dhugeeffachaa tiyya, obsa kiyyaa, jaalala tiyya, jabeenna kiyya, gaargala kiyyaa fi dhaanicha kiyyaallee ati ya agarte. Waan Anxokiyaatti, Iqoniiyumitti fi Lisxiraa keessaatti na tolchanii fi gaargalaa hamaa anin argadhe cufaa atin quba qabda! Aabboon ammoo ya waan sun cufaa keessaa na baase. Nama Kiristoo Yesus waliin jireenna Waaqii fedhu keessa taa'uu cuufaa ingaargalchan. Ammoo namii hamaa fi kiyyibaan cuftii haga qaraallee irra hammaateetti, ufi sobee nama dhibiillee soba. Atin ammoo dhugaa si barsiisan ta akka dansaa dhugeeffatte keessa ta'i. Wantii akkanaatiif atin nama si barsiise inbeetta, ammallee ijoollummaa teetiitii jalaqabdee barreessii qulqulloo, ta dandeetee hubachaa baafamaa, marroo dhugeeffachaa Kiristoo Yesusiitiif sii kennitu ya baratte. Wantii akkasitiif barreesiin dubbii Waaqaa cuftii hafuura Waaqaa qabdi; ammallee wa baati, isii dhugan barsiisan, wallaalaan gorsan, qajeelaan garsiisan, waan jireenna dansaatiin barsiisan, akka namii Waaqaa cuftii qixaa'ee kurfoo taa'ee, hujjii dansaa cufa hojjatu. Anin fuula Waaqaatii fi ka Kiristoo Yesus, ka nama cufa ka du'ee fi ka jiruulleetti muru duraatti, marroo dhufiisaa fi Mootummaa isaatiif si gorsa. Dubbii tana barsiisi; yo cufaa haasa'i, yo fedhanii fi yo hinfeeneellee namaa galchi, gorsii, jabeessi obsaan barsiisi. Wantii akkanatiif barii namii barsiisa dhugaa gula hin yaa'uu, fedhii ufi callaa gula yaa'uu, indhufa; namii cuftii barsiisota hedduu waan gurrii warraa fedhu warra barsiiftu waliitti barbaadata. Dhugaa caqasuu didaniitti, oduu dharaa gula yaan. Atin ammoo yo'a cufaa ufi qorqorachuu malte! Gaargala obsii, akka nama oduu dansaa barsiisuu ta'i! Hujii Waaqaa cufa guuti! Fulaan Lubbuu tiyya itti ijjesaan ya geette; yo'ii anin jireenna kana keessaa ba'uulleen ya gaye. Anin lola akka dansaa lole, doggoomsuu tiyyaallee la hobaafadhe, dhugeffachaallee ya jabeesse. Armaa achi surree qajeelummaa naa qopheessani, Aabboon abbaan muritii qajeelaan, guyyaa sun surree naa keenna; na callaaniti ammoo warra jaalalaan dhufiisa isaa eegu cufaa inkenna Jabaadhuu, hurrisii natti kootti! Deemaas ya waan lafaa jaalatee na lakkisee, Tesaloniiqee dhaqe. Luq. aas callaan waliin jira. Maarqos barbaadii, waliin koottaa, innii hujii na qarqaaru indandaa. Anin Xikiqoos ya gara Efesoon erge. Yo dhuftu, kootii tiyya ta anin lafa Xro'aasi mana Kaarphosiitti lakkiseen naa kootti; kitaaba cufaan, keessumaa ergaa machallaa irraatti barreessaniin naa, kootti. Iskindir, ka tumtuu, waan hamtuu na tolche; Aabboon abboon gatii hujii isa inkennaf. Atuu waan innii guddoo dhaamsa keenna dideef jabeessii isa ufirraa eegi! Gaafa anin guyyaa qaraa ufii dubbadhee, namii tokkolleen na hinqarqaaree, namii cuftii na biraa ya'e. Waaqii waan sun warratti hinherregiini! Ammoo Aabboon na waliin taa'eetti na jabeessee, akka anin dubbii cufaa gosa dhibii ta hindhugeeffatiniilleetti himuu, afaan nyeencaa keessaa na baase. Ammallee Aabboon hameenna cufaa keessaa na baaseetti, haga anin mootummaa isaa argadhuutti na qorqorata. Guddinnii ammaa fi hegeriillee ka isaa hata'u eejenne. Phrisqiilaa fi Aqiilaatti, warra Oneesiforosiilleetti nagaa naa himii!. Erasxos Qorontositti hafe; anin Xrofimoos dhukkumnaan dira Miilexositti isa lakkise. Jabaadhuu, bookkaa gannaa duraatti kootti! Yubulos, Phudenis, Liinos, Klaawudiiyaan fi obboleyyaan cuftii nagaa isanii dhaaman. Aabboon hafuura kankee waliin taa'inna! Kennamsi nasu Waaqaa isan cufa waliin taa'inna. Maqaan kiyya Phaawuloo ani hojjataa Waaqaatii fi ergamaa Yesus kiristoo; akka ani dhaqee, dhugeeffaachaa warra Waaqii foohatee qarqaaree, dhugaa dhugeeffachaan teenna, ta jireenna barbaraa abdattu barsiiftu warra barsiisuu la na foohatan. Dhugeeffachaan tunin abdii jireenna barbaraa irratti ta yayyabamte. Waaqii ka dhara hin dubbanne, jireenna kan duruu ya nu kakate. Fulaan geennaan dubbii ufii keessaatti nutti mullise. Dubbii Waaqaa tana waan akka ani jabeessu natti kennaniif akka ajaja fayyisaa keenna Aabboo Waaqaa gula inlabsa. Anin ergaa tana tiitoo dhugeeffachaan ilma kiyya ka dhugaa, ka dhugeeffachaa waliin qamnu barreessa. Waaqaa Abbaatii fi Yesus kiristoon qarqaarsa keenaa, eebbaa fi nagaya isanii kenninna. Wantii ani lafa Qareexisitti si lakkiseef akka atini waan qara hin tolchin ka tolchuu malan tolchituuf, ammallee akka atin akkuma anin sitti himee dira cufaa keessaatti jaarrolee gumii foo'attuuf. Jaarsii sun ammoo wallaala qabaachuu hin malle; niitii tokko callaa qabaachuu malee, ilmaan isaalleen dhugeeffachaa qabaachuu malte, ijoollee hamtuu akka bineensaa jirtuu, ta dubbii namaa hin caqamne ta'uu hin mallee. Innii waan hujjii Waaqaa harkaa qabuufii wallaala qabaachu hin malle. Kiyyibee miira hin diqqaatin, farsoo dhugee sabdaayee namaan wali hin didiin. Nama keessummaa bulchuu, nama waan dansaa jaalatuu, nama ufi qorqoraatuu, nama qajeelaa, nama qulqullicha, nama adaba dansaa qabu ha ta'uu. Dubbii dhugaa ta dhugeeffatanii fi ta waan barsiisaatiin wal fakkaattu ha akka dansaa jabeessuu. Karaa kanaan warii dande'ee nama dhibii barsiisa dhugaatiin qarqaaree, wallaala nama barsiisa kana didullee agarsiisa. Wantii akkanaatiif nama hedduutti jira, keessumaa warrii aadaa Yahudiiti gara dhugeeffachaa galee dubbii dansaa caqasuu didee dubbii dharaatiin nama soba. Silaa warra kana dubbachuu dhowwuu malan, wantii akkanaatiif warrii waan barsiisuu hin malin horii argachuuf olloota hedduu barsiisee balleessuutti jira. Namichii Qareexis ka raaga warraa tokko “Warrii Qareexis cuftii kiyyibaa, bineensa hamaa, ammallee sabdii homaa hojjachuu hin feene” warraan jedhe. Wantii innii jedhe sun dhugaa. Mar. roo waan kanaatiif akka dansaa warra gorsuu malte, akka warrii dhugeeffachaa qixxee horatee, oduu Yahudiitii fi seera warra dhugaa gula deemuu didu irraa dhufuu lakkisu. Warra qulqulloo wantii cuftii qulqulloo, warra xuraa'oo fi ka hin dhugeeffatin ammoo waan qalbii fi herregii warraalleen xurii qabuuf, wantii tokkolleen itti qulqulloonitii. Waaqaa beenna ufiin jedhan, hujiin warraa ammoo indhaaressiti. Warrii nama jibba, nama hin caqasan, waan dansaa tokkollee hin tolchan. Ati ammoo waan barsiisaan dhugaa jettuu barsiisuu malte. Jaarroleenii, ta hagatti ufi qabaa, qalbii horadha, ufi qorqoradhaa, dhugeeffachaa dansaa, jaalalaa fi obsa horadhaa jedhiin. Akkasuma ammoo jaaroleen nadheeniilleen akka warra qulqulloo ha tahanii. Waan dansaa ta'e qofa ha barsiisanii malee, maqaa nama balleessuu fi dhugaatiin akka hin hammaane itti himi. Akka nadheen ka'imaa jaalala dhiirsaatii fi ta ijoollee ufi barattee, ufi qorqorattee, qulqulloomtee, adaba dansaan mana ufi teette dhiirsa ufiitii saalfattu barsiiftu. Akka namii tokkolleen hammeennaan dubbii Waaqaa hin dubbanne, waan dansaa barsiisuu malte. Warra dhiiraa ka ka'imaalleen ammoo akkasuma ufi qorqoradhaa jedhiin. Waan hojjatuu cufaa keessaatti waan dansaa hojjadhuu fakkeena dansaa warraa ta'i waan dhugumaan dhugeeffatte itti bultu jabeessii akka dansaa barsiisii. Akka nyaaphii keenna waan nuun jedhu dhabee ceeruu, dubbii dansaa namii danda'ee hin tufaannee dubbadhi. Tisseelleen abbootii ufiiti ajajamte waan tolchitu cufaan ha gammaachiiftuu. Ammallee dubbii afaan keessa hindeebisin. Abbooti homaa duraa hinhatiin. Ammoo akka barsiisi Waaqaa baasaa keennaa waan cufa kessatti ulfaatu, akka yo cufaa dansoomaa fi dhugaa agarsiisaanii dhugeessanii gorsi. Wantii akkanaatiif, Waaqii yaa eebba ufii marroo baafama nama cufaatiif, mullise. Eebbitii tunin, waan hamtuu Waaqii hin feenee dharraa nafaa lakkisaa, ufi qorqoradhaa, qajeelaa, lafa tana irra jireenna Waaqii fedhu keessa taa'aa nuun jetti. Guyyaan eebbaa ka nu abdannee eegannuu, guyyaa guddinnii Waaqaa guddaatii fi ka baasaa keenna Yesus kiristoo mullatu. Innii akka hammeenna cufaa keessaa nu baasuu nafa ufii nuu kennee, gumii ufii qulqulloo, ta waan dansaa tolchuu feetu nu tolche. Namii tokkolleen si hin tuffatinii, jabeenna kankee cufaan nama si caqasu cufaa jabeessii, gorsii waan kana nama barsiis. Gumii teetiin, dubbii warra lafa fiduutii fi ta warra gugurdaa caqasaa guutaa, waan dansaa cufaa tolchaa jedhiinii qaabsis. Nama tokkollee hin hamatinaa, yo cufaa ammoo nagayaan, jaalalaa fi adaba dansaan nama cufaa waliin taa'aa jedhiin. Wantii akkanaatiif nulleen durii daallee dubbii hin caqamne ta wallaala tolchitu. Nu tisseelee dharraa nafaatii fi gammada gosa cufaa taanee jireenna keenna cufaa dabaa fi kajeellaa keessa jiraanne; namii hedduulleen nu jibbee nulllen warra jibbine. Ammoo naasuu fi jaalalti Waaqaa baasaa keennaa mullannaan, marroo hujii dansaa nu hojjanneefiinitii, marroo naasuu isaatiif nu baasee; Hafuura Qulqulloon nu dhiqee; Hafuuri Qulqulloon sunii dhaloota haaraa fi jireenna haaraa nuu kenne. Wantii akkanaatiif Waaqii marroo Yesus Kiristoo baasaa keennaatiifi, guddisee Hafuura ufii nurratti buuse, akka marroo eebba isaatiifi nu Waaqaan waltii araaramnee jireenna barabaraa ka abdannu argannu. Jechii kunin ka dhugaati; anin si'ii waan kana akka dansaa jabeessitu fedha, akka warrii Waaqaa dhugeeffatu cuftii hujii dansaa jabeessee hojjatu. Wantii kunin waan dansaa, nama cufaayyuu irra jirtii. Ammoo wal mormii daallummaa hidda dhaloota namaa dha'iisaa, waldidiisaa fi hadhiisa waan seeraa lakkisaa. Wantii kunin cuftii waan tokkollee hin baatuu Nama gargarii nama baasu marroo lama gorsii, yo innii didee itti deebitee maqaa isaallee hin dha'in. Namii akkanaa kunin hamaa, dabii isaatuu akka innii wallaala ufitti muru agarsiisaa. Anin akka haga bultii gannaa Niqopholiis taa'uu ya herregee, yo anin Arxemaas yokaan Xikiqoos sitti ergee jabaadhuu, Niqopholiisitti natti kootti. Zenaas namicha seera beekuu fi Apholoos haga dandeettu qarqaar, yo warrii imaltuu ufii yaa'u waan warrii fedhu ka wareegaa cufaa kenniif. Biyya teennaan ufumaa hin tataa'inaa jedhii, akka hujii dansaa hojjatanii waan fedhan argatanii barsiisii. Warrii na waliin jiru cuftii nagaa isanii dhaamaa; isaniilleen jaallan teenna ta dhugeeffatte cufaa nagaya itti nuu himaa. Kennamsii naasuu Waaqaa isanii cufaa waliin ha jiraatuu. Anin Phaawuloo, ka marroo Kiristoo Yesusiitiifi hidhan; ammallee obboleessa keenna Ximotewos waliin jira. Ergaa tana aninii gara jaala keenna Filemonii ka nu waliin hojjatuu, gara gumii mana kanke keessaatti wal waldeettuu, gara obboleettii teenna Aphifiyaa fi Arkiphoos ka dubbii Waaqaa nu waliin hojjatu barreessa. Waaqii Abbaa keennaatii fi Aabboo Yesus Kiristoos eebbaa fi nagaya isanii kenninna. Anin yoo Waaqaa kadhadhu cufaa, si'ii obboleessa kiyya Filemon qaabadhee galata Waaqaa deebisa. Maaniif anin jaalala atin gumii Waaqaa cufaa jaalattuu fi dhugeeffachaa atin Aabboo Yesus dhugeeffattuu ya dhagaye. Wantii anin yoo cufaa Waaqaa kadhadhuu, akka innii waldhaqiisa keenna, dhugeeffachaa teenna keessa, hubachaa eebbaa ta Kiristoo keessa jirtuu, ta hagas irra guddoo nuu kennu. Obboleessa kiyya, waan atin nama Waaqaa cufaa gammachiifteef jaalaltii tantee yaa gammadaa fi jabeenna guddaa naa kennite. Tanaaf nuun cuftii waan nama Kiristoo taaneef anin silaa garaa jabaadhee waan atin tolchuu malte tolchi siin jedha. Ammoo anin Phaawuloos jaarsii guddaan, ammallee ka marroo Kiristoo Yesusiitiif jedhee hidhaansa keessa jiruu, jaalalaaf jedhee anin wa si kadhadha. Anin marroo ilma kiyya Oneesimosii, ka gaafa anin hidhaansa keessa jirullee dhugeeffachaan ilma naa taheef si kadhadha. Durii innii homaa sii hin bahu, ammoo amma anaa fi sillee wa baha. Anin isa guddoo jaaladha, taatullee ammoo deebisetti gara kankee erga. Anini isa ka arma na waliin taa'u fedha, akka innii fulaa tantee, haga anin marroo Oduu dansaatiif hidhaansa keessa jiru, na qarqaaru. Taatullee anin irreen, na qarqaar siin hin jedhu; ammoo sii fedhii teetiin tolchitu fedha. Tanaaf haga atin eeyee jettutti anin homaa hin tolchu. Malaa wannii Oneesimos diqqoo si biraa deemeef, akka yoo fulaa teetitti deebi'ee haga jiru cufaa si waliin taa'uf. Armaa achi innii akka tisseetiiniti akka obboleessa jaalatanii ta'ee si waliin taa'a. Inni naa jaala dansaa, sii ammoo; marroo wa'ille hojjate, kiristoolleen obbolleesa sii ta'eef hagasi caalaa jaala dansaa. Tanaaf yoo akka obboleessaatti na herregattee isallee akkuma na herregattu herregadhu. Yoo innii wallaala tokkollee si tolchee yokaan gatii tante qabaatellee, natti herregadhu sii baasaa. Anin Phaawuloon sii baasa jedhee, waan kana harkuma kiyyaan barreessa. Ammoo akka atin jireennuma kankee kanaa marroo tiyyaaf qabduu si qabsisuu hinfedhu. Tanaaf obboleessa kiyyaa, maqaa Aabbootiif waan kana naa tolchi Kiristoof jedhii garaa na gammachiisi. Anin yoo waan kana barreessuu, akka atin waan kana naa tolchituu fi haga anin si gaafadhullee irra naa tolchitu inabdadha. Ammallee akka Waaqii kadhaa teessan dhagayee hegerii gara keessan na deebisuu anin inabdadha, tanaafi fulaa bultii naa tolchaa. Ephafraas, ka hidhaansa keessa marroo Kiristoo Yessuusiitiif na waliin jiruu, nagayaa sii dhaama; warrii na waliin hojjatu Maarqos, Arisxaarkos, Deemaasii fi Luq. aasilleen nagaa sii dhaaman. Eebbitii Aabboo Yesus Kiristoo ha isan waliin jiraattuutii. Durii Waaqii marroo hedduu fi akka hedduun afaan raagootaatiin abaaboota teennatti dubbate, amma ammoo, bara eegee kana keessa, la ilma isaatiin nutti dubbate. Waaqii waan gubbaa jiraa cufa isaan uume akka gaafa muummee innii waan cufa dhaalu, isa foohate. Ibseen guddinna Waaqaa isa irraa ibsiiti akkuma Waaqii jiru inniilleen jira, dubbii isaa ta jabeenna qabduun waan uumame cufa inbaata yokaan olqaban. Innii eegii cubbuu nama irraa qulqulleesse, guddinna Waaqaa ka gara mirgaa gubbaa taa'e. Akkuma maqaan Waaqii isaa kenne maqaa ergamtoota Waaqaa irra jiru inniilleen ergamtoota irra jira. Waaqii yoom takka ergamtoota gubbaa tokkolleen, “Atin ilma kiyya; anin ardha laayyuu si dhalee” yokaan eenuun, “Anin abbaa isaa ta'ee, innii ilma naa ta'e” jedhe? Waaqii ammallee gaafa ilma isaa angafa waan cufaa lafaan dhufee, “Ergamtootii Waaqaa cuftii ha isaa sagadduu” jedhe. Waaqii waan ergamtoota gubbaa dubbatee, “Waaqii ergamtoota ufii qilleensaa, hojjattoota ufii ammoo bobaa ibiddaa tolcha” jedhe. Waaqii Waan Ilmaa dubbatee ammoo, “Ee Waaqaa barcumaan kee ka guddinnaa haga jiruu jirennaa, bokkuun atin namaan bulchitu qajeeluma, Atin qajeeluma jaalateetti dhara jibbita. Tanaaf Waaqii kee si foohatee, gammada guddinnaa ka waheela kankee irra jiru sii kenne” jedhe. Ammallee innii, “Aabboo, atin gaafa qaraa lafa uumteetti, gubbaa Waaqaallee cufa harka keetiin midhaassite. Warrii inbada, atin ammoo inhafta. Jarii cuftii akka wayaa jaara; atin akka ubbaaraa warra wal irra dachaafta, warriilleen akka wayaa jijjiirama. Atin ammoo haguma jirtu hinjaartuu kaanuma” jedhe. Waaqii takka ergamtoota ufii tokkolleen “Kootti, harka kiyya ka mirgaa taa'i, haga anin nyaapha kankee barcumaa miila keetii jala galchuutti” hinjenne. Ergamtootii gubbaa maan ree? Warrii Hafuura Waaqaa hojjatu, ammallee isatti warra baafama argatu qarqaaruuf warra erga. Tanaaf nu dubbii dhageenne tana akka irraa hingorre jabeessuu malle. Yo dubbiin ergamtootii Waaqaa dubbatte sun dhugaa taatee, ammallee namii akka dubbii sunitti hinbulle yokaan ka dubbii sun didu, cuftii gaargala argatee, nu yo baafama akkanaa kana hincaqamne akkamiin dandeennee baanna ree? Aabboon baafama kana qaraa laayyuu hime, warrii isa dhaga'e, akka isiin dhugaa akka dansaa nu beessisse. Waaqiilleen dhugaa ufii ta warraa irratti daree, akeekaa fi waan mamaa jabduu hedduu tolchee, kennamsa Hafuura Qulqulloollee fedhii ufiigula namaa qoode. Waaqii lafa eegii tanaa dhuftu ta nu teennee waan isii dubbanu tana harka ergamtootaatti hinkenine. Innii barreessii qulqulloo keessatti fulaa tokkootti dhugeessee, “Ee Waaqaa namii maali, ka atin waan isaa herredduu? Yokaan ilmii namaa maali, ka atin isa qorqorattu? Atin haga diqqaa tokko ergamtoota Waaqaa irra isa diqqeesite, bokku guddinnaatii fi ka ulfinnaa isaa kennitee, akka innii waan cufa bulchu tolchite” jedhe. Waaqii waan cufaa harka namaa jala galche; waan tokkollee adoo harka isaa jala hingalchin hinhambimne; ammoo ammallee nu akka wantii cuftii harka namaa jala jirtu hinarginnu, ammoo Yesus ingarra. Haga diqqaa tokko ergamtoota Waaqaa irra diqqeessan, akka innii kennamsa naasuu Waaqaa gula marroo nama cufaatiif du'u. Mar. roo gargala du'a innii du'e suniitiif, amma bokkuu guddinnaatii fi ka ulfinaa isaa kennan. Wanti cufa Waaqaan uumamtee, Waaqaa uumamte. Waan ijoolle heddu gara guddinna ufii dhalchisiisaatiin dhufuu fedheef sooressa baafama warraa kennu yesus kiristoo gaargala gudda fudhachaan maalteef. Yesus nama cufa cubbuu irraa qulqulleesseetti, isaa fi warrii qulqulleessanilleen ka abbaa takkaa tahe. Tanaaiif Yesus “Obboleeyyan” warraan jechuu hinceerre. Innii, “Ee Waaqa, anin Obboleeyyan tiyyatti maqaa kee inhima, gumii cufa duratti galata keetii si faarsa” jedhe. Innii ammallee, “Anin abdii tiyya Waaqaa irra keeyadha” ammallee, “Ijollee Waaqii naa kenne waliin jira” jedhe. Waan ijolleen sun nama nafaa fi dhiiga qabu taateef, Yesusiilleen akkuma warraa ta'e. Innii sheexan ka du'a irraatti irree qabuu dabsachuuf du'e. Akkanaan warra haguma jiru cufa du'a sodaataa garboota du'a ta'e garbuummaa sun keessaa baase. Innii ergamtootanitii dhaloota Abrahaam qarqaara. Tanaaf innii karaa cufaan akkuma obboleessaa fi obboleetti ufii tahuu male, akka hujii Waaqaa keessaatti qaalluu guddaa dhugaatii fi naasuu tahee cubbuu namaa araaramu. Waan isaallee durii laallatanii gaargalchaniif, innii warra laallatame qarqaaruu indanda'a. Obboleeyyan tiyya ta kiristiyaanaa, ta Waaqii isaniillee yaame! Qaalluu guddaa fi ka Waaqii dhugeeffachaa teennaa erge Yesus herregaa. Akkuma durii Muuseen hujii mana Waaqaa cufa guute, akkasuma Yesusilleen hujii Waaqii isa foohateef guute. Akkuma namii mana jaaru, mana sun caalaa gurra argatuu, Yesusiilleen Muusee irra ulfina argachuu malle. Mana cufa namatti jaara, waan cufa ammoo Waaqaatti jaare. Muuseen hujii Mana Waaqaa cufa keessatti hojjataa dhugeeffatamee ammallee innii waan Waaqii egerii dubbatu cufa la dubbate. Kiristoon ammoo akka ilmaa hujii mana abbaatti dhugeeffatama; nulleen yo waan abdannu sodaa malee jabaannee dhugeeffanne mana isaati. Tanaaf, akkuma Hafuurii Qulqulloon jedhuu, “Ardha qoonqoo Waaqaa yo dhageettan, Akka warra guyyaa laallattoo, lafa gammoojjii keessatti Waaqatti ka'ee sun, isan mataa hinjabaatinaa. Abaabootii teessan adoo waan anin ganna afurtamaa keessatti hojjadhe argituu, achitti natti gamte. Tanaaf anin warra kanaatti dallanee, ‘Warrii kun yo cufa waan herregu keessatti hindhugeeffatu, takka karaa kiyya hinbaranne’ Anin dallanee kakadhee, ‘Warrii kun haguma jiru natti olduudee hinfoorfatu’ ” jedhe. Obboleeyyan tiyya, akka isan keessaa namii tokkolleen garaa hamaa hindhugeeffanne qabaatee Waaqaa jireenaa irraa gara hingaggalee ufi eegadhaa. Ammoo akka cubbuun nama tokkollee sobdee mataa hinjabeesine, haga barreessiin “Ardha” jettu cufa, guyyuma guyyaan walqarqaara. Nuun cuftii yo dhugeeffachaa teenna ta qaraa haga mummee jabeessinnee qabanne, Kiristoon walii waahela. Barreessin qulqulloon, “Yo qoonqoo Waaqaa ardha dhageettan, akka warra Waaqatti ka'ee sun mataa hinjabaatinaa” jette. Warrii qoonqoo Waaqaa dhaga'ee dubbii isaa dide eennufa? Warruma Museen lafa Gibxii keessaa yaame cufaanitii? Waaqii ganna afurtamaa eenufaatti dallane? Warruma cubbuu hojjate, ka lafa gammoojjii keessatti jigee dhume cufaanitii? Waaqii gaafa kakatee, “Warrii kun haguma jiru natti olduudee hinfoorfatu” jedhe, waan eenuu dubbate? Innii waan warra dubbii isaa dide dubbate. Tanaaf akka warrii waan dhugeeffachaa dhabeef fulaa sunitti galuu dadhabe garra. Duuba Waaqii akka nu olduunnee isa waliin foorfannu, la nutti kakate. Tanaaf nu akka isaniin tokkolleen foorfachaa sun hindhamne, qorqorachuu malle. Nulleen akkuma warraa Oduu dansaa dhageenne. Warrii Oduu Dansaa la dhaga'e, ammoo marroo dhageennaan dhugeeffachaan hinfudhatiniif homaa warraa hinbaane. Nu warrii dhugeeffate, olduunneetti Waaqaa waliin foorfanna. Akkuma innii, “Anin dallane kakadhee, ‘Warrii kun haguma jiru natti olduudee hinfoorfatuu’ ” jedhe. Adoo hujiin isaa ta durii ta uumamaa hobaatellee innii waan kana la dubbate. Wantii akkanaatiif fulaa tokkotii barreessiin waan guyyaa torbeessoo, “Waaqii guyyaa torbeessoo hujii ufii cufa irraa foorfate” jette. Ammallee waan dubbii tana dubbatan, “Warrii kun haguma jiru natti oliduudee hinfoorfatu” jedhan. Warrii qara Oduu dansaa dhaga'e, waan isa hindhugeeffatiniif dhaqee Waaqaa waliin hinfoorfanne. Nama garii ammoo keessa seensisani Waaqaa waliin infoorfatan. Mar. roo waan kanaatiif Waaqii guyyaa dhibii foohate ka “ardha” jedhan. Ganna hedduu eegii suni afaan Dawitiitiin dubb ate, barreessii qara baanan keessatti, “Yo qoonqoo Waaqaa ardha dhageettan, jallattanii hindiddiinaa” jedha. Adoo silaa durii Iyaasuun warra sun foorfachaa Waaqaatti geessee, Waaqii eegii sun waan guyyaa dhibii hindubbatu. Tanaaf akkuma Waaqii guyyaa sambataa foorfate foorfachaan gumii Waaqaa ta guyya sanbataa ammallee injirti. Wantii akkanaatiif namii olduudee Waaqaa waliin foorfatu cuftii akkuma Waaqii hujii isaa irra foorfate foorfata. Tanaaf nu akka foorfachaa sun argannuu haga dandeennu jabachuu malle. Nun tokkolleen akka warrii sun caqasuu didde, olseenuu dadhabe, tahuu hinmalle. Dubbiin Waaqaa jiraattuu ammallee jabduu, goraadee gami lachuu qaraallee cufa irra qara qabdi, nafa cufa tarsaafteeti, haga fulaa hafuuraa fi lubbuun waltiin ejjituu fi fulaa mittaafi moorgaan waltiin ejjitulle gargarii baafti. Isiin fedhii fi herrega garaa nama laalte murti. Waan tokkollee danda'an Waaqaa hindhossan. Wantii uumama keessa jira cuftii ila isaa duraa jirti; isa duratti waan keenna cufa himachu malle. Nu waan qaallu gudda fuula Waaqaa dura seene yesus ilma Waaqaa qamnuuf dhugeeffacha teenna injabeessina. Cubbuu hin qabu malee nu qaallu guddaa ka akkuma keenna karaa cufaan ilaalatame qamna inni nama laafinna keennaa na'uu diduuniti. Tanaafi akka araara arganu ammallee akka kennamsa naasuu ka yo nu barbaachise nu qarqaaru argannuu koottaa garaa jabeennaan gara marcumaa Waaqaa fulaa kennamsi naasuu jirutti dhi'aannaa. Akka marroo namatiin Waaqaa hojjatu, qaalluu guddaa jidduu namaa keessaa foohatan. Innii galataa fi sooriyoo ta cubbuu baaftu qala. Inniilleen waan laafinna qabuuf nama hinbaratinii fi ka wallaala tolchu obseetti gorsuu danda'a, Mar. roo waan kanaatiif innii marroo cubbuu warraa callaanitii, ammoo marroo ufiille sooriyoo qaluu male. Namii guddinna kana ufiin hinfudhatu, ammoo Waaqatti yaama akkuma durii Aron yaaman. Akkasuma Kiristoon guddinna kana ufii fudhatee qaalluu guddaa ufi hintolchinee, Waaqii ammoo, “Atin ilma kiyya, anin ardha la si dhale” isaan jedhe. Fulaa dhibilleeti innii, “Atin qaalluu haga barbaraa jiru taata, aadaa qaallummaa ta Malkiisedeqii gula” jedheen. Gafa lafa jiru Yesus qoonqoo guddoo fi imimaaniin Waaqa, ka danda'ee du'a keessaa isa baasu kadhate. Waan innii ufi diqqeessee Waaqaa sodaateef Waaqii isaa dhaga'e. Innii adoo ilma Waaqaa taheellee, karaa gaargalatiin fedhii Waaqaa guutuu barate. Innii qixxoominaan, abbaa baafama barabaraa ka nama isaa ajajamu cufaa baasu tahe. Aadaa qaalloma Malkiissedqii gula Waaqii qaalluu guddaa isa tolche. Waan hedduutti ka silaa nu dubbii tana irratti dubbannu jira, ammoo waan daftee isanii hingalleef, diideessanii isanitti himuun jajjabduu. Yo kana isan silaa jara nama barsiisu ta'uu maltan, isan ammoo nama dubbii Waaqaa ta qaraa isan barsiisuu feetan. Isan waan sagalee jabduu hindandeenneef harma hodhuu maltan. Wantii akkanaatiif namii harma hodhu ijollee, dharaa fi dhugaa gargarii hinbeenne. Sagaleen jajabduun ammoo ta nama gugurdaa hubachaa argatee waan dansaa fi hamtuu gargarii beekuuti. Yo Waaqii jedhee wanni nu tolchuu malle tana duratti nu yaasaa. Warra qara dhugeeffatee eegee lakkisee irraa bade danda'anii cubbuu irraa wa deebisuu? Warrii durii ibsee Waaqaa keessa jira, kennamsa gubbaa sooratee qooda ufii ka hafuura Qulqulloo argate. Akka dubbiin Waaqaa dansaa arga, ammallee jabeenna dhaloota dhufuu inbeeka. Amma dhugeeffachaa la lakkisan. Tanaaf waan ammallee ilma Waaqaa muka irratti fannisaniif nama cufa duraatti ceersaniif, danda'aanii cubbuu irraa hindeebisan. Lafa guyyaa cufa bokka'ii itti roobee bisaan akka dansaa dhuddee midhaan warrii itti oobree baaftu Waaqii ineebbisa. Ammoo yo qoraattii fi aramaa guddoo baafte homaa hinbaatu; Waaqii duraan hinabaara eegee ibidaan ballessan. Ammoo yo akkasi dubbanneelle, jaallan teenna, nu waan keessan la isanitti qumne. Nu akka isan eebba guddoo baafama isanii kennitu qabdan inbeenna. Waaqii waan qajeelaa tolcha. Innii hujii isan marroo isa jaalataniif hojjatan, gumii Waaqaa ta durii qarqaartanii, ammallee qarqaaruu jirtan indedhu. Fedhiin teenna guddoon, akka isan cuftii fedhii teesaniin haga muummee jabaattan, akka wantii isan abdattan cuftii isanii taatu. Nu isanii laaleffattan hinfeennuu, ammoo akka isan akka warra dhugeeffatee obsuu taatanii waan Waaqii isanii kakatee argatan feenna. Waaqii Abraaham kakateefiitti abdii kenneef; Waan namii tokkolleen ka isa irra guddaa hinjirreef, innii gafa kakate “Anin akka si eebbisee, ilmaan hedduu sii kennu maqaa kiyyaan inkakadha” jedhe. Abraaham obsee jennaan waan Waaqii isa abdachiise argate. Namii yo kakate, maqaa nama isa irra jiruutiin kakata, ammallee kakuun waan namii irratti waldhabe cufa indhugeeffachiifti. Waaqii akka herregii isaa hingeeddaramne warra waan innii abdachiisun argatuutti diideessee himu fedhee, tanaaf akka jabaa kakate. Duuba wa lamaa, ka hinjijiramnee fi ta Waaqii danda'ee irraatti hinkiyimneetti jira; sunilleen abdii fi kakuu ufii ya nukenne karaa waan kana lamaani gulaan abdii fuula kenna dura jirtu akka qabachuu dandennu nuni waarraa hirkoo argachuf gara isa dhetee jajjabeenna guddaa arganna. Abdiin tun akka malee garaa nu jabeessiti. Isiin jabduu fi dhugaa ammallee golla Mana Waaqaa ka gubbaa jiru keessa seenti, haga fulaa qulqulloo, Yesus la marroo teennaaf nun dura seene. Innii la aadaa qaallomaa Malkiisdeqii gula, qaallu guddaa haga barbaraa taa'e. Qaalluu Malkiisedeq kunin durii hayyuu saalem, ammallee qaallu Waaqaa guddaati. Abrahaam duula dhaqee, hayyoota fixee adoo galuutti jiruu, Malkiisedeq isa argee eebbiseef. Abrahaam ammoo waan qabu cufa irraa kudhan keessaa tokkoo kenneef. Maqaan Malkiisedeq ka qaraa “Hayyuu qajeelummati” jedhan; eegee ammoo marroo saalem jechuun nagaa jechuu taateef, maqaan isaa “Hayyuu nagaa” jedhan. Malkiisedeq abbaa fi haadhaallee hinqabu, ammallee abbabootallee hinqabu; dhalootaa fi du'a isaallee namii hinbeeku. Innii akka ilma Waaqaa jira haga jiru cufa qaallu. Duuba eegii Abrahaam, abbaan keenna guddaan waan booji'e cuufa irraa kudhan keessaa tokkoo keenneef Malkiisedeq akkam akka guddaa ta'e ingartaniiyyuu. Qaalloolleen dhaloota Lewwii aadaa gula qoodaa kudhaneessoo ijoollee Israa'elii irraa guurachu indandeeti, warrii adoo dhaloota Abrahaamii ta'eellee gosuma ufii irra fudhata. Malkiisedeq adoo dhaloota Lewwii ta'u baatellee, Abrahaam ammoo waan kudhan keessaa tokko kenneefii, Abrahamii qaraa abdiin kennamteef Malkiisedeq isa eebbise. Akka namii nama eebbisu nama ebbisan irra jiru namii tokkolleen mormuu hindanda'u. Qaalloti waan kudhan keessaa tokkoo nama irraa guurtuu indhumatti; Malkiisedeq ammoo ka waan kudhan keessaa tokko nama irra guure, akkuma barreessiin jettuu ammallee injira. Tanaaf gaafa Abrahaam kudhan keessaa tokko baase, Lewwilleen, ka dhalooti isaa nama irraa guureetti, ufillee baase. Lewwiin gaafa Malkiisedeq isa arge, hindhalannee, ammoo gudeeda abaaboo isaa Abrahaam keessa jira. Aadaa qaallomaa Lewwii gula seera gosa Israa'eliti kennan. Yo silaa aadaan qaalloma Lewwii sun qixxee taate, wantii silaa qaalluun dhibiin, ka aadaa Malkiisedeq, ka aadaa Aaron hintahin, dhufuuf hinjirtu. Yo qaalloma gargalchanii, seeraallee gargalchuu malan. Aabboon keenna ka waan kana waan isaa dubbatan, gosa dhibii; gochii isaa takka qaallu fulaa sooriyoo itti qalaanii hintaane. Akka Aabboon keenna gosa Yihudaa keessaa dhalate inbeekan; Museelleen gaafa waan qaallolee dubbate gosa tana maqaa hindhomne. Gaafa qaalluun dhibiin akka Malkiisedeq jiru ka'e dubbiin tun haga qaraallee irra mullati. Innii seeraa fi aadaa biyya lafa tanaa gula qaalluu hintaanee; ammoo jabeenna jireennaa mummee hinqamneetiin qaalluu taahe. Barreessii qulqulloo keessatti waan isaa dhugeessanii, “Akkuma Qaalluu Malkiisedeq atin haga jirtu cufa qaalluu taata” jedhan. Aadaa durii waan isiin laaftuutii fi ammallee homaa hinbaanneef la lakkisan. Seerii Musee homaa tokkollee danda'ee hinqixxeessu, amma abdiin dhibiin ta Waaqaatti nu dhiyeessitu, la dhufte. Ammallee kakuu Waaqaatti jira, gaafa jara kaan qaallota tolchan, kakuun tunin hinjirtu. Yesus ammoo kakuun qaalluu tahe. Gaafa Waaqii, “Aabboon la kakatee, qalbii ufii gara hingalfatu, ‘Atin haga jirtu cufa qaalluu taata’ ” isaan jedhe kaan. Akka marroo Yesusiitiif, waldhaqisa cufa irra dansaa qamnu, ufi beenna. Ammallee qaalloleen durii hedduun, waan dootuuf hujii ufii guutuu dadhabde. Yesus ammoo haga bara baraa jira, duuba hujiin isaa ta qaallomaa nama dhibiitti hindabartu. Ammallee innii waan yo cufa warraa kadhacuufii jiraatuufii, warra karaa isaatiin gara Waaqaa dhufu haga jiruu jireennaallee baasu indanda. Yesus duuba qaallu guddaa, ka fedhii teenna cufa nuu guutu. Innii qulqulloo, wallaalaa fi cubbuu tokkollee hinqabu; isa la warra cubbutiin gargarii baasanii, gubbaatti olgeessan. Innii akka qaallolee gugurdoo, guyyaa cufa sooriyyoo qara fiixee cubbuu ufiitiif eegee cubbuu nama dhibiitiif qaltuu taan hinjiru. Innii gaafa ufii kennee takka qubaa callaa sooriyoo ta'ee nafa ufii baase. Seerii Musee, nama qixxee hintahiin qaallolee gugurdoo tolcha, dubbiin kakuu Waaqaa ta eegii seeraa dhuftee, ammoo ilma haga barbaraa qixxee ta'e foohatti. Wantii nu jenne tana nu qaalluu guddaa akkanaa ka barcumaa guddinna Waaqaa guddaa harka mirgaa gubbaa taa'u qamna. Innii hujii qaalluu guddaa, fulaa qulqullootii ta namii dhaabe adoo hinta'in waaroo Aabboon dhaabe keessatti hojjata. Qaalluu guddaa cufa akka innii galataa fi sooriyoo Waaqaa qalu foohatan, tanaaf qaalluun keenna guddaalleen wa qaluu male. Waan qaallotii aadaa seera Yahudii gula galata deebiftu jirtuufii, innii yo silaa lafa irra jiraate, qaalluu tahuu hindanda'u. Hujiin warrii akka qaallolee hojjatu gandidduu fi fakkeenuma waan gubbaa jiraatii. Waaqii Musseelleen akkanuma gafa inni diqqumaa waaroo hindhaabiin, “Waan cufa akkuma gaara gubbatti argitte gula tolchi” jedheen. Yesus ammoo la hujii qaalomaa ta tawarraa irra jirtu argate, akkuma waldhaqiisii innii Waaqaa fi nama jidduuti tolche irra dansaa, marroo waldhaqiisii sun kakuu waan irra dansaa qabuuf. Yo silaa waldhaqiisii qaraa qixxee tahee, wantii ka lammeessoo tolchaniif hinjirtu. Ammoo Waaqii wallaala gumii isaa irratti argee Aabboon, “‘Guyyaan anin waldhaqiisa haaraa gumii Israa'elitii fi ta Yihudaa waliin tolfadhu indhufa’ jedhe. Akka waldhaqiisa anin abbaboota warraa waliin tolchetiiniti, gaafa anin warra harka qabee lafa Gibxii keessaa baase. Warrii waldhaqiisa anin warra waliin tolche hinjabeessinee, tanaaf anin waan warraa hin yaalle’ Aabboon akkana jedha. Waldhaqiisa anin gosa Israa'eli waliin tolchu kana, eegii guyyaa sunii Aabboon, ‘Anin seera kiyya qalbii warraa keessa kaaya, garaa warraa keessatti barreessa; anin Waaqaa warraa taahee, warrilleen gumii tiyya taaha’ jedha. ‘Namii tokkolleen gaafas nama dhibii hinbarsiisu, yokaan namii tokkolleen obboleessa ufiitiin “Abboo beeki!” hinjedhu, warrii cuftii, diqqaa fi guddaan warraalleen na beeka. Anin cubbuu warraa inaararamaaf, itti deebi'ee cubbuu warraa hinqaabadhu’ ” jedhe. Waan waldhaqiisa haaraa dubbannaan, Waaqii ka qaraa la dullomse; waan dullommate ka qara ojjataniin cufa guyyaan dhuma isii ya dhi'aate. Waldhaqisii qaraa aadaa kadhachaatii fi fulaa itti kadhatani ta namii harkaan midhaase qaba. Waaroo ala dhaaban, isii keessa, ibsee fi xarapheessaa qixxaa Waaqaa baassaniti jira, fulaan sun fulaa Qulqulloo jedhan. Golla lammeeessoo ka waaroo duubaa, fulaa guddoo Qulqulloo jedhanitti jira. Isii keessa fulaa hixaana itti aarsan ta warqiin midhaasanii fi sanduuqa waldhaqisa Waaqaa, ka warqiin maranitti jira. Sanduqii kaan buduunuu warqii ta sagalee maannaa jedhan qabduu fi bokkuu Aaron, ka baala baasee fi dhakaa lama ka dubbiin waldhaqisaa irratti barreessaan qabdu qaba. Sanduuqa gubbaa ergamtu gubbaa lamatti ta koola ufii fulaa cubbuu araaramanitti balliftuutti jira. Ammoo yo'i waan kana cufa diidessanii himan ammaaniti. Eegii waan kana cufa akkasin qopheessan, qaalloleen guyyaa cufa akka hujii ufii hojjattu; waaroo alaa taan olduudde, ammoo qaalluu guddaa callaatti waarroo gara boroo keessa waggaatti yo tokko callaa seena. Innii cubbuu isaa fi gochii isaalleen adoo hinbeekin hojjatee sooriyoo baasuuf dhiiga baatee olseena. Haga Waaroon qaraa ejjuutti jirtu cufa, akka karaan fulaa qulqulloo jabduun nama dhaqu hinbanamin Hafuuri qulqulloon diidessetti barsiisa. Akeekii kunin ammallee waan ardhaa hima. Galataa fi sooriyoon Waaqaa qalani, dandeettee garaa nama Waaqaa kadhatu hinqulqulleesitu. Wanti kunin waan nyaatan, waan dhuganiifi aadaa qulqulleessaa callaa. Tunin cuftii seera lafaa, ka haga Waaqii waan cufa garagalchee hinmidhaasiin calla jiruu. Ammoo Kiristoon la akka qaalluu guddaa, ka waan dansaa lafa tana keessa jiraa cufa ta'ee dhufe. Waaroon innii keessa hojjatu waaroo taan irra guddoo, ammallee irra dansaa. Namii hinmidhaasine, akkas jechuun waan lafa keessatti uumaniiniti jechu. Kiristoon gaafa waaroo keessa bahee dabree, fulaa Qulqulloo jabduu yo tokko keessa seene, innii dhiiga sooriyoo re'etii fi ka yabbiyyee hinfuudhannee; ammoo dhiiguma ufii fudhatee, ba'isa bara baraa nuu tolche. Dhiiga re'ee, ka kormatii fi daaraa Waatii sooriyoo qalanii nama qulqulloo hintahinitti fixan, warruuma irraa fuudhanii warra qulqulleessan. Waan wantii kunin dhugaa taateef, dhiigii Yesus hagasi irra wa bahanitii? Hafuura bara baraatiin akka sooriyoo dhugaa ta Waaqaa ufi baase. Dhiigii isaa qalbii teenna hujii hamtuu irraa qulqulleessa, akka nu Waaqaa jiru hojjannu. Mar. roo waan kanaatiif Kiristoon nama waldhaqiisa haaraa qopheessu taahe, akka warrii Waaqii yaame eebba bara baraa ta Waaqii kakate argatu. Wantii wannii kun taatuuf, marroo dooti yesus kiristoo ka wallaala waldhaqisa qara jalaatti tolchan, keessaa nama baasu jiruuf. Fulaa dhaaltii jirtu, namii irraa dhaalan qaraa du'uu male. Dhaaltii haga namii irraa dhaalan sun jiru hintaatuu, yo innii du'e callaa taati. Mar. roo waan kanaatiif waldhaqisii qaraalleen dhiigaan tahe. Qaraa fiixee Museen seera kitaaba seeraa keessatti barreessan nama cufatti hime. Jennaan dhiiga yabbiyyeetii fi bisaan fuudhee, damee isoophii bututtu diimtuu itti maree kitaaba seeraatii fi nama cufaattii fiffixe. Duuba, “Dhiigii kunin ka waldhaqiisa Waaqii isanii tolche beesisuu” jedheen. Akkasuma Muuseen waaroo fi mi'a kadhachaa cufa dhiiga itti fiffixe. Ammallee seera gula waan cufa dhiigaan qulqulleessan, cubbullee, yo dhiigi jige callaa, namaa araaraman. Tanaaf wanni fakkeenna waan gubbaa jiraatii ta'e kun cufti karuma kanaan qulqulaa'uu malte. Ammoo wantii gubbaa jiraa sooriyoo hagasi irraa feeti, maaliif jennaan, Kiristoon fakkeenna fulaa qulqulloo ta namii harkaan midhaase keessa hinseennee, innii fulaa amma marroo teenaaf fulaa Waaqaa dura ejju ta gara gubbaatti olgale; Qaallu guddaan Yihudii ganna cufa dhiiga horiitiin fulaa qulqulloo seena, Kiristoon ammoo marroo hedduu ufi baasu achi hinseene; yo akkasi tolche, marroo hedduu haga lafa uuman silaa gaargala. Ammoo ammaatana innii akka sooriyoo nafa ufiitiin cubbuu ballessu muummee baraa irratti la marroo tokko callaa mullate. Akkuma namii cuftii marroo tokko callaa du'e, ammoo eegii sun Waaqii namattim uruu, akkasuma akka cubbuu namaa heddu baasu, Kiristoollee marroo tokko sooriyoo baasan. Akka cubbuu balleessuuf adoo hinta'in akka warra isa eegatu baasuuf innii marroo lammeessoollee indeebi'a. Seerii Yihudii fakkeena dansaa waan gubbaa jirutiimitii, ammoo seerii sun gandidduu waan dansaa hegerii dhufu callaa, sooriyoo takkatti ganna cufa qallanii baasan. Seerii yoos akkam dandaa'ee, sooriyoo tanaan, warra Waaqatti dhufe qulqulleessa? Yo warra Waaqaa kadhatu akka dansaa cubbuu irraa qulqulleessan, warrii silaa itti deebi'ee cubbuu ufi irratti hinargu, sooriyoo cufa silaa inlakkisan. Ammoo sooriyoon baasan ganna cufa cubbuu namaa garsiifti, maaliif dhiigii koroomitii fi ka re'ee danda'ee cubbuu hinbaasu. Mar. roo waan kanaatiif Kiristoon, adoo gara lafa hindhufiniin duratti AABBOO Waaqaan, “Atin sooriyoo fi waan Waaqaa baasan hinfeetu, ammoo atin la nafa naa qopheesitte. Sooriyoon guban yokaan sooriyoon cuubbuu baaftu si hingammachiiftu. Jennaan anin, ‘Akkuma Kitaaba seeraa keessatti waan kiyya barreessan, anin kunoo, ee Waaqa, akka waan atin feetu cufa tolchu la dhufe’ ” jedhe. Qaraa fiixee innii waan kana adoo sooriyoo tana seera gula baasanillee, “Atin sooriyoo fi waan Waaqaa baasan yokaan sooriyoo gubaatii fi sooriyoo cubbuu baaftu hinfeetuu, isiin si hingammachiiftu” jedhe. Jennaan innii, “Anin kunoo, akka waan atin feetu cufa tolchuufi dhufe” jedhe. Tanaaf Waaqii sooriyoo durii cufa ballessee, sooriyoo Kiristoo fulaa kaaye. Mar. roo Yesus Kiristoon waan Waaqii “Tolchi” jedheen cufa tolcheef, sooriyoon nafa isaa laayyu marroo tokkotu cubbuu cufa nurraa dhixxe. Qaallolleen Yihudii cuftii guyyaa cufa hujii ufii hojjatte sooriyoo takkatti marroo hedduu baafti, ammoo sooriyoon tunin cubbuu keessaa nama hinbaaftu. Ammoo Kiristoon sooriyoo tokkoo ta yo cufaa taatu marroo cubbutiif baase harka Waaqaa ka mirgaa taa'e. Haga Waaqii nyaapha isaa barcuma miila isaa jala galchutti, achi taa'e eega. Innii sooriyoo tokkoon la warra cubbuu irraa qulqulleessan haga bara baraa qixxee tolche. Hafuurii Qulqulloolleen dhugaa nuu ta'a. Qaraa innii, “Aabboon, ‘Eegii guyyaa sun, waldhaqisii anin warra waliin tolfadhu kana, anin seera kiyya garaa warraa keessa keeyyadhee, qalbii warraallee keessatti barreessa’ ” jedhe. Ammallee innii, “Anin deebi'ee cubbuu fi hammeenna warraa tokkollee hinqaabadhu” jedhe. Eegii waan kana cufa araaraman, sooriyoo cubbuu baaftu itti deebi'anii hinfedhani. Tanaaf obboleyyan tiyya, nu Fulaa Guddoo Qulqulloo, marroo dhiiga Yesustiif sodaa malee seenu indandeenna. Innii karaa haara'aa fi ka jireenaa nu bane, karaan kulleen golla keessaan, yokaan nafa isaa keessaan nu baname jechu. Nu qaalluu guddaa, Mana Waaqaa qorqoratu qamna. Yoos koottaa, garaa dhugaatii fi ka dhugeeffachatiin, yaada hammeennaa irraa qulqullaa'aniin nafa bisaan qulqulloon dhiqaniin Waaqaatti dhiyaannaa. Waan nu akka Waaqii kakuu ufii gutu herregannuu fi jireenna nu eegannu jabeessina. Waan walii herrenne, walqarqaarree, waljaalannee, waan dansaa walii tolchinna. Akka namii garii tolchuu jiru, walwaldeena lakkisu hinmallee, ammoo waan akka guyyaan Aabboo dhiyaatee argittaniif waljabeesinaa. Egii dhugaa nutti himaniin duubatti yo nu beekaa cubbuu hojjanne, sooriyoon tokkolleen dandeettee cubbuu nurraa hinbaaftu. Wantii nuu hafee, akka waan eegii tanaa dhufa; muransaa fi ibidda guddaa, ka warra Waaqaa didu ballessu sodaannu; Nama seera Musee didu cufa, eegii dhugaan lamaa sadii akka innii walaala qabu himte naasu malee ijjessan. Nama ilma Waaqaa tuffatu, ka dhiiga waldhaqiissa Waaqaa ka isa qulqulleesse buuree sehu, ka Hafuura kennamsa naasu arrabsu, maal tolchan re? Isaa wayya, akka innii hamaa, me herregaa! Nu ka “Anin haaloo inbaafadha, anin gatii infuudhadha” jedhe inbeenna. Ammallee ka “Aabboon gumii isaatti inmura jedhe” jedheellee inbeenna. Harka Waaqaa jiraataa bu'uun waan guddo nama sodaachisaat. Akka isan durii jirtan qaabadha. Gaafas eegii ibsee Waaqaa isanitti ibsite, isan guddoo gaargaltan, ammoo gaargalii sun isan hindabsanne. Mar. roo hedduu gumii keessatti isan arrabsanii gaargalchan, marroo hedduu warra akkanaa tolchanillee walin gaargalu feetan. Isan gaargala warra hidhani qoodattan, marroo isan akka waan hagasi irra jiraa, ta haga jirtu teetu, qabdan beetaniif, gafa miha keessan cufa saaman gammadaan oobsittan. Tanaaf garaa jabadhaa, yo akkasi tolchittan, gatii guddoo argattan. Akka fedhii Waaqaa tolchittan, waan innii kakate argattan isan oobsuu malltan. Akkuma barreessin jettuu, “Ka dhufuu male hinturu dhiyoottuu indhufa. Taatullee nama kiyya qajeelaan dhugeeffatteeti jiraataa, ammoo yo tokkolleen garagalee anin irra hingammadu” jedhe. Nu ammoo gama warra dhugeeffachaan ba'uu male, gama warra duubatti deebi'ee baduutiiniti. Dhugeeffachaa jechuun waan abdatani “Dhugumaa inta'a” jedhanii fudhatanii, waan ilaan hingarreellee “Injirti” jedhanii herregu. Dhugeeffachaa akkanaa tanaan jaarrolleen durii gurra horaatte. Akka laftii dubbii Waaqaatiin uumamte, akka wantii nami ilaan argu waan namii ilaan hingarre irraa hojjatamte dhugeeffachaan inbeenna. Abeeli dhugeeffachaan sooriyoo Qaayin irra dansaa Waaqaa baase. Waaqii Sooriyoo isaa fudhate la isaa dhugeesse; marroo dhugeeffachaa isaatiif Waaqii; “Nama qajeelaa” isaan jedhe, innii adoo du'eellee karaa dhugeeffachaa isaatiin haga ardhaallee dubbachuu jira. Henok akka du'aayyuu ilaan hingarre dhugeeffachaan gara Waaqaa olfudhatame; waan Waaqii isa gubbatti olgeesseef namii isa argu dadhabe. Adoo isa gubbatti olhingeessin barreessiin, “Innii Waaqaa gammachiise” jette. Dhugeeffachaa malee, namii tokkolleen danda'ee Waaqaa hingammachiisu. Namii gara Waaqaa dhufu, akka Waaqii jiruu fi akka Waaqii warra isa barbaadu eebbisu dhugeeffachuu male. Nohi dhugeeffachaatti gorsa Waaqaa ka ilaan hingarre, ka waan egerii tahaa hinbenne, dhugeeffachiisee, innii dubbii Waaqaa caqasee, hoboloo isaa fi warrii isaa keessatti bahe jaaree, karaa kanaan innii balleessaa lafaatti muree, qajeeluma dhugeeffachaan dhuftuun argate. Abrahaam dhugeeffachaan gafa Waaqii isa yaame caqase, innii ka gara deemu hinbeenne, ka'ee lafa ufii keessaa ba'e, lafa Waaqii isaa kakate dhaqe; Dhugeeffachaan akka keessummaa lafa Waaqii isaa kakate sun keessa Yisihaqii fi Yaaqoob ka akkasuma kakuu sun Waaqaa irraa argate waliin Waaroo keessa taa'e. Tanaaf innii dira hunda jabaa qabu, ka Waaqii herregee jaare, eegachaa ture. Dhugeeffachaatti adoo innii guddoo jaaree, niitiin isaa Saaraan gaantuu taateellee Abrahaamii ijoollee kenne. Innii akka Waaqii kakuu ufii hincabsine indhugeeffate. Namichii kunin adoo jaaree rerepheellee, ijoollee akka urji Waaqaa irraa heddatee fi ta akka maanssa afaan galaanaa ka namii heduu hindandeennee dhale. Warrii kunin cuftii adoo waan Waaqii lafa irraatti warraa kakate argachuu baateellee adoo dhugeeffachaa ufii hindhiisin dhume; waan kakataniif sun ammoo fagootti argee herregate, ammallee “Nu keessummaa yaatu” jedhee diideesse hime. Namii waan akkanaa kana dubbatu akka lafa ufii barbaaduu jiru diideesse garsiisa. Waan lafa keessaa yaa'anii hinherrenee, ammoo yo silaa fedhan, danda'an itti indacha'an. Taatullee lafa gubbaa jirtu, ta sun irra dansaa barbaadan. Mar. roo waan kanaatiif yo warrii Waaqaan, “Waaqaa keenna” jedhu, waan dira warraa midhaasseef, Waaqii itti hinceeru. Dhugeeffachaan Abrahaamii gaafa Waaqii isa laallatee, ilma ufii Yisihaaq akka sooriyoo qaluu ka'e. Waaqii Abrahaamitti kakatee, ammoo innii akka ilma ufii tokkocha akka sooriyoo qalu, qophee jira. Waaqii qara isaan, “Yisihaqi gula dhalootii kee maqaa argatta” jedhe. Abrahaam akka Waaqii Yisihaq du'a keessaa kaasuu danda'u duruu waan herregef; akkuma sun, Abrahaamii akka Yisihaq du'a keessaa argatetti fudhate. Dhugeeffachaan Yisihaq, Esaawuu fi Yaaqoob eebba hegerii kakateef. Dhugeeffachaan Yaaqoob adoo hindu'iin, ilmaan Yoseef cufa eebbisee, ulee ufiitti hirkatee Waaqaa kadhate. Yoseef adoo hidu'iniin duratti dhugeeffachaan waan godaanna gosa Israa'eli ta lafa Gibxii keessa godaantuu dubbatee, waan reeffa isaa tolchannille hime. Haadhaa-abbaan Musee dhugeeffachaan eegii innii dhalate, akka innii midhaagaa arginaan, sodaa malee seera hayyuu cabsani ji'a sadii isa dhossan. Museen eegii guddate dhugeeffachaan, akka ilma intala Fara'oonii jedhanii hin yaamne dide. Innii fulaa haga diqqaa tokko cubbuun gammadu irraa warra Waaqaa waliin gaargalu fedhe. Museen waan galata eegii tanaa herregateef, horii lafa Gibxii irra, arraba marroo Kiristootiif isa arrabsan irra dansummatti heregate. Museen dhugeeffachaan dallansuu hayyuu sodaachuu didee, ka'ee, lafa Gibxii keessaa deeme, inni Waaqaa ilaan hingarre akka argeetti fudhatee yaada ufi irraa chocho'uu dide. Innii akka ergamtuun Waaqaa nama angafa dhiiraa ka gosa Gibxii hobbaaftu warra hintundhe, dhiiga balbalatti fiffixee, dhugeeffachaan jila dabarsaa tolche. Gochii Israa'elii dhugeeffachaan Galaana Diimaa, akka lafa godduu taakkitee; gochii Gibxii ammoo taakkuu feenaan bisaan liqimsani hobbaasan. Dhugeeffachaan gochii Israa'eli guyyaa torba dallaa Yerikoo irra marte, cabsitee jissitte. Dhugeeffachaatti niitii shaarmuxaa, ta Rahaab jedhan, waan isiin jara dooyaa yaa'u bulchiteef, warra Waaqaa dhagayuu dide waliin du'uu dhowwe. Hagan irra dubbachuu mallee ree? Dura deemee, waan nama dhibiillee hima ree? Waan Gidewoon, Baaraaq, Siimson, Yifataa, Daawit, Saamu'elii fi waan raagootaa cufaa amma himu hindanda'u. Warrii dhugeeffachaan lafa hedduu hadhee dabsate, waan qajeelaa tolchee, waan kakataniif argatee, afaan nyeencaa cuqaalee. Ibidda goolaa dhaanfee, goraadee duraa ba'e. Warrii qara lallaafoo, ammoo eegee jabaate. Lola keessatti guddoo jajjaboo, duula nyaaphaa dabsate. Nadheen nama qara irraa du'e, ka du'a keessaa kaasan, dhugeeffachaan argatte. Namii garii akka jireenaa irra dansaati kaasan argatuuf gargala foo'atee mana hidhaansaati, “Nu galakkisa” jechu diddee, gaargalchani ijjessan. Nama garii goyyessanii, lichoon dhaanan, nama garii haada sibiilaatiin miila hidhani mana wankii keessa buusan. Dhakaan bobborossani, fulaa lamatti gargari, falansani goraadeen hobbaasani, Gogaa holiyyetii fi ka re'ee hidhatan, hiyyoomatanii, dhiiphatanii, gargaratti gaargalchan. Laftii warratti hintolle! Akka nama baqatu lafa gammojiitii fi gaarren gubbaa yaa'an, godaa fi boola keessa bulan. Warrii kunin marroo dhugeeffachaa ufiitiif maqaa dansaa argate. Ammoo waan Waaqii kakateef hinarganne, waan Waaqii waan hagas irra dansaa nuu herregeef, herregii isaa kana; nun malee warrii hinqixaa'u. Mar. roo dhugaan hedduun akka dumansaa nu marsituuf, nu ulfinnaa fi cubbuu jabeesite nu qabdu ufi irra baamnee, dorgomsuu nu duraa tana obsaan akka dhiira orii'uu malle. Jalqabaa fi muummee dhugeeffachaa teenna ka ta'e yesus ufi duratti laalaa oriina. Inni du'a fannoo irraa oobsee, marro gammadii isa eegatuuf fannoo gubbatti du'u hinceerree; amma barcumaa ulfinna Waaqaa mirgaan taa'a. Me, akka innii gaargalee, jibba namii cubbichii isa jibbe cufa oobse herregaa! Tanaaf hiniffanee, hindadhamnee, maaliif gaargala keessan ka cubbuun walaatan keessatti, dhiigii keessan hinjinne. Dubbii dansaa Waaqii akka ilmaan ufii isanitti dubbatu la deettanii? “Ilma kiyya, yo Aabboon arcummeen qajeelumaa si faccise tapha hinsehini, yo innii si gorse garaa hinlaafin, maaliif Aabboon nama jaalatu cufa inqajeelcha, nama ilma tolfatu cufa indhaana.” Ilmii abbaan qajeelchuuf hindhaanne injiraa? Waaqii akka ilmaan ufii isan tolchuutti jiraa, Waan inni isan tolchu cufaa obsaan fudhadhaa. Yo akka ilmaan cufa dhaanan isan hinqajeelchin, isan ilmaan dhugaatinitii, abbeerota. Aabbootiin teenna ta lafaa nu dhaanti, duuba nu warraa saalfanna. Abbaa keenna ka hafuurattii hagas irra ajajamnee jireena argachuu hin mallee? Aabbootiin teenna ta lafaa haga diqqaa tokko, fedhii warraa gula, nu qajeelchiti. Waaqii ammoo marroo wantii kunin irra nuu jirtuuf akka nu qulqulloma isaa qoodannu, tolche. Uleen nu dhaanaan yoosii waan nama laaleffachiisaa malee waan nama gammachiisaa hinfakkatu. Duubatti ammoo warrii akkanaan qajeelchan, sun midhaan nagayaa ka jireennaa qajeelumaa argata. Tanaaf harka keessan ka isan aare olfudhadhaa, jilba keessan ka lallaafe jabeeffadhaa! Akka miilii keessan adoo hinnaafannee fayyu, karaa qajeelaa gula yaa'a! Nama cufa waliin nagayaan taa'a. Waan namii tokkolleen qulqullooma malee Aabboo arguu hindandeenneef, jireennaa qulqullummaa jiraadhaa. Akka namii tokkolleen kennamsa naasuu Waaqaa hindhamne Eegadhaa. Akka namii tokkolleen midhaan hadhaa qabu tahee, nama hedduu hadhaa midhaan isaatiin hingaargalchine eegadhaa. Akka namii tokkolleen akka namicha Esaawuu jedhan, ka sagalee guyyaa takkootii jedhee dhaala ufii ta hangafummaa gurgurate tanee, amala ammaatee waan gurra muyoo hintaane. Akkuma isanuu beettanii eegii sun, Esaawuun eebba ufii dhaalu fedhee, ammoo isa didan, akka waan durii tolche garagalchu, deebisee argachuuf boo'ee imimaaniin adoo barbaadeellee, herega ufii jijuuruuf karaa dhabe. Isan gaara namii harkaan tuquu danda'u, ka akka ibiddaa balali'ee boba'u, dukkana siphee, urrii guddoo, bubbee guddoo, iyyaana magalataatii fi qoonqoo Waaqaa bira hingeenne. Gumiin tana dhagenaan akka deebitee qoonqoo akkasii hindhagenne kadhate. Wantii akkanaatiif seerii, “Oriilleen gaara sunitti yo dhiyaate dhakaan dhawaani ijjessuu malan” jedhuu, waan itti ulfaateef guutuu hindandeenne. Wantii Museen argee guddoo isa sodachifte, tanaaf innii, “Anin sodadhee holadha” jedhe. Ammoo isan gaara Siyoniti gara dirii Waaqaa jiraataa, ka Yerusalem gubbaa jirtu, ka ergamtu kuma hedduu gubbaa, jirtutti dhuftan. Isan ya gara waldeenna tokkummaa warra angafaa mana kiristaanaa ta'ee, ka maqaan isaan gubbaatti barreeffametti, gara Waaqaa nama cufatti muruutii fi gara warra qajeelaa lubbuun isaani waan cufa keessatti dansooma argattetti dhi'aatan. Isan la Yesus ka waldhaqiisa haaraa tolchuti dhuftan, ammallee la dhiiga fiffixan, ka dhiiga Abeelii irra waan dansaa himuti dhuftan. Eegadhaa duuba, nama dubbattu hindidiina. Yo warrii gafa innii biya keessatti dubbate caqasu diddee hinbahiin, nulleen yo ka gubbaa nutti dubbattu dhagayu dinne dandeennee hinbaafannu. Qoonqoon isaa gafasi lafa chochofte, ammoo innii amma, “Anin ammallee lafa callaa hinchochosu, gubbaallee inchochosa” jedhe ya kakate. Dubbiin “Ammallee” jettu sun akka waan lafa irratti uumaan cufa chochosan, buqisan garsiifti, akka wantii hinchochonne haftu. Waan mootummaa gubbaa ta hinchochonne arganuuf. Waaqaa galata galchuu malle, Maaniif jennaan, Waaqii keenna ibidda gubee wa balleessu. Akkuma obboleeyan Kiristaana waljaalattu waljaalala hinlakisina. Keessummaa bulchaa, namii garii adoo hinbeekin, akkas tolchinaan, ergamtu gubbaa bulche. Warra hidhaansa keessa jiru, akkuma waan hidhaansa keessa waliin jirtani qaabadha. Ka gaargala keessa jiruullee, akkuma waan ufillee gaargalu jirtani qaabadhaa. Namii cuftii fuudha ulfeessu malee, dhiirsaa fi niitiin wali lakkisanii gara dhibii yaa'uu hinmalle. Waaqii warra sharmuxaa fi ka aadaa fuudhaa ballessu ballessa itti mura. Jaalala beessee gula hin badiinaa; waan qabdan sifeefadhaa, maaliif Waaqii, “Anin isan hinlakkisu, isan biraa hindeemu” jedhe. Tanaaf garaa jabannee, “Aabboon qarqaarsa kiyyaa, anin homaa hinsodadhuu, namii maan na tolchuu danda'a?” jenna. Warra durii isan dura yaa'u, ka dubbii Waaqaa isanitti haasa'e qaabadhaa, akka warrii durii ta'ee du'e herregaa, dhugeeffachaa isanii gula yaa'aa. Yesus Kiristoon sunuma, ka kalee, ka ardhaatii fi ka haga jiruu jireenaa. Barachaan dhibiin ta qajeeltu hintahiin, dhugaa irraa isan hingorsiin. Fulaa seera sagalee gula yaa'anii irra, yo kennamsi naassuu Waaqaa garaa nu jabeesse guddoo dansaa, maaliif warrii seera sagalee gula yaa'ee qarqaarsa tokkollee hinarganne. Qaalloolleen waaroo Yihudii keessa hojjatuu, sooriyoo teenna fulaa itti qalan suni fuutee nyaachuun hintaatu. Qaallichii Yihudii guddan akka marroo cubbutiif sooriyoo qalu dhufa, dhiiga horii suni fuudhee fulaa guddoo Qulqullootiin seena, ammoo foon horii sun qa'eetti guban. Mar. roo waan kanaatiif Yesusiilleen akka dhiiga isaatiin cubbuu namaa irra qulqulleessu, balbala diraa alatti du'e. Tanaaf koottaa, gara isa alatti yaanne, ceera isaa fudhanna, maaliif nu dira haga barbara taahu lafa tana keessaa hinqamnu; nu dira hegerii dhufu eegannaa. Waan kanaaf nu yo cufa sooriyoo faaruu Waaqaa maqaa Yesusitiin, baasuu malle, akkas jechaan dhugeessa yo cufa nu afaan keennaan maqaa isaa dhugeesinu. Waan dansaa tolchuu fi walqarqaarsa hindidinaa. Waaqii sooriyoo akkanaa tanaatti ingammadaa. Nama isan dura deemuu saalfadhaa, dubbii warraa caqasaa. Warrii marroo Waaqii waan warrii tolchu warra gafatuuf yo cufa lubbuu teessan qorqorata. Yo isan warraa saalfattan, warrii gammadaan hujji ufii hojjata; ammoo yo isan saalfachuuf baattan laaleffachaan hojjatan, laalleeffachaan sun homaa isanii hinbaatu. Yo cufa Waaqaa nuu kadhadhaa. Nu akka qalbii dansaa qamnu inbeennaa, nu yo cufa waan dansaa tolchuu feena. Anin waan cufa irra, akka isan akka Waaqii hurrisee gara keessan na deebisu naa kadhattan isan kadhadha. Obboleyyani tiya, anini akka issani dubbi goorsa tana akka dansa caqaftani isan kadhadha; ergaani anini issanii xaafe tunini guddo dheertuuniti. Anin akka obboleessii keenna Ximotewos hidhaansa keessaa bahe isan beesisuu fedha. Anuu yo innii hurrisee dhufe, isa waliin gara keessan dhufeette isan arga. Warra isan dura yaa'uu fi gumii Waaqaa qulqulloo cufatti nagaa nuu himaa. Obboleeyyan lafa Ixaaliyaatii dhufte nagaa isanii dhaamti. Kennamsii naasuu Waaqaa isanii cufa waliin ha jiraatuu. Maqaan kiyya Yaaqoob, anin hojjataa Waaqaatiifi ka Aabbo Yesus Kiristoo. Anin isanii gosa kudhanii lamaa ka gargarii bittinnooftanii nagaya kana dhaama. Ee obboleeyyaan tiyya! Yo gaargalii akka hedduu isaniitti dhufuu, akka gammadaa herregadhaa. Wantii akkanaatiif, akka yo dhugeeffachaa teessan laallatanii itti gaman obsaa fi jabeenna argattan isanuu inbeettan. Ammoo akka obsii sun akka dansaa hujii ufii guutee, isan warra qixxaa'ee homaa irraa hinirdhanne ta'uu maltan. Isan keessaa namii tokkolleen yo qarooma dhabee, ha Waaqaa kadhatuu! Duuba Waaqii naasoo, hifachaa malee waan cufaa namaa kennaa. Nami kadhate dhugeeffachuu male, diqqoollee mamuu himmallee; wantii akkanatiif namii mamuu cuftii akka dhawwa galaanaa ka bubbee asii achi dhooftuu jira. Obboleessii hiyyeessii, yo Waaqii wa kenneefi, olqabee, ha gammaduu! Obboleessii dureessiilleen waan akkuma daraaraa buuyyoo dabruuf, yo Waaqii wa dhowwee, gad qabee ha gammaduutii! Aduun baatee oowwii isii buuyyoo gubee goggosee, daraaraa irraa harcaasee, midhaagumtii isii baddi. Akkuma sun dureessa cufaa adoo innii taa'ee hujii ufii hojjatuu balleessan. Namii ilaallachaan itti dhuftee obsaan dabsatee ha gammaduu! Eegii ilaallachaa dabsate, badhaasa jireennaa ka Waaqii nama isa jaalatuu dhaame argataa. Namii tokkolleen, yo laallatan, Waaqaatti na laallate hinjedhiin! Wantii akkanaatiif hammeennii danda'ee Waaqaa hin laallatu, Waaqiilleen nama tokkollee hin laallatu. Ammoo nama cufaa dharraa isaa hamtuutti yo hirkiftee sobduu laalata. Duuba dharraan isaa hamtuun taan garaachoofteetti cubbuu dhalti; ammallee cubbuun, eegii guddate du'a dhalti. Obboleeyyaan tiyya hinsobamiina! Kenniisii dansaan namaa kennaanii fi bultiin dansaan achi hinaafin namaa kennaniilleen cuftii Waaqaa ibsee gubbaa uumee ka akka gaadisa galgalaa fi ganamaa hinjijjiiramne biraa gubbaa gaddhufa. Akka nu uumama isaa cufaa keessaa hangafa taanuuf, fedhii isaatiin dubbii dhugatiin nu uume. Obboleeyyaan tiyya waan kana qaabadhaa! Namii cuftii, ka dhageetti gurra laafee, laanumaa dubbatee, miira guddate haa ta'uu. Wantii akkanaatiif dallansuun namaa fedhii Waaqaa ta dhugatiin hindhuftu. Adabaa xuritii fi hujii hamtuu cufaa lagadhaa! Dubbii garaa keessan keessaatti facaasan, ta dandeetee lubbuu teessan baaftu, karaa laanatiin fudhadhaa! Dubbii isaa caqaftanii ufi hindaallessinaa, ammoo dubbii sun guutaa! Wantii akkanaatiif namii dubbii caqasee, hinguunne, nama daawitii keessan ufi laalee, akka jiru ufi argu fakkaata. Innii yoma tokkon yo ufi laalee, achii deemee, akka jiru ufi dedha. Ammoo nama seera qixxee ka nama balchoomsu jabeessee, laalee, caqasee dedhuu didee guutuu, nama sun Waaqii waan cufaa keessaatti ineebbisa. Namii nama aadaa guutuu ufi sehuu eennu? Inni yo arraba ufi hintissine, ufi sobe, aadaan isaa homaa hinbaatuu. Aadaan Aabbo Waaqii dhugaa fi qajeeltu jedhu tana: akka ijoollee haadhaa abbaa hinqamnee fi nadheen dhiirsii irraa du'ee isaani keessatti qorqoratanii, ufiillee hammeenna lafaa irraa dhowan. Obboleeyyaan tiyya, isan yo Aabboo keenna Yesus Kiristoo, Aabbaa guddinnaatti, dhugeeffattanii, nama tuffattanii gargarii hinfootani. Yo silaa namii durreessii qubee warqii, ka wayaa dadansaa qabuu fi hiyyeessii wayaa cicitte qabu, kora waliin olduudan, duuba isan namicha wayaa dansaa qabu kaan hurriftanii fuula keessa dhuftanii: “Barcumaa dansaa kana irra taa'i” jettanii, hiyyeessa kaaniin ammoo, “Achi ejji, yokaan fulaa barcumaa kiyyaa kana dhaattuu lafa taa'i” jettaniin. Yo akkas gootan isa ya jidduu teessaniitii nama gargarii nama qoodu ka ammallee herrega hamaan muruu taatanii ree? Obboleeyyaan tiyya caqasaa! Akka warri dhugeeffachaan duroomee, mootummaa isaa ta innii warra isa jaalatuu dhaamate argatuuf, Waaqii hiyyeeyyii lafa tanaa foohate. Isan ammoo hiyyeeyyii intuffattani! Warrii isan gaargalchee fulaa murtiitti isan geessuu, durreeyyii malee eennuu? Namii maqaa dansaa, Waaqii isanii kenne, arrabsuu warruma suniiniti? Yo seera hayyuu sun, ka “Nama cufaa akkuma ufii jaalattu jaaladhu” jedhanii barreessi qulqulloo keessaatti barreessan guuttanii, ya waan dansaa tolichtan. Ammoo yo nama gargarii foohatanii, la daba tolchitanii, seera gula wallaala isaniitti muran. Wantii akkanaatiif namii yo seera cufaa guutee, ammoo tokko yakkee, akkuma waan seera cufaa yakkeetti herregamaa. Wantii akkanaatiif kama: “Hinshaarmuxin” jedheetti, “Nama hinijjeessin” jedhe. Tanaaf atin yo seera qaraa kaan guuttee, ammoo nama ijjeeftee, yaayyuu seera cabsite. Waan dubbattanii fi waan tolchitaniillee keessaatti akkuma nama seera balchoomaatiin qoramee murtii argatuu ta'a! Waaqii, yo dubbii nama naasuu namaa hinqamnee muruu, isaallee hin na'u; ammoo naasuun murtii dabsatti. Obboleeyyaan tiyya, namii yo: “Anin dhugeeffachaa qaba” jedhee, ammoo hujiin isaa hingarsiimnee dhugeeffachaan sun maal baatiif? Dhugeeffachaan innii jedhu sun callaan isa inbaaftii? Yo silaa obboleessaa fi obboleetiin daara qabaatanii, ammallee waan soorataniillee hinqamne, duuba yo isan keessaa namii tokko adoo waan nafii fedhuu hin keniniif “Waaqii isan eebbisinnaa, wayaa uyyifadhaa, sagalee nyaadhaa” jedheenii maal baatiif? Dhugeeffachaan akkasii, ka hujiin dansaan bira hinjire yo kophaa jiraatee, la doote. Namii tokko ammoo, “Atin dhugeeffachaa qabdaa, anin hujii qaba” yo jedhee, Anin ammoo “Dhugeeffachaa hujii dansaa hinqamne na garsiis! Ani ammoo dhugeeffachaa tiyya hujii dansaan si garsiisa” jedhaan. Akka Waaqii tokkoo ya dhugeeffattee? Guddoo dansaa! Isa jinniinuu indhugeeffatti, ammallee sodaatteetti hollatti. Isii namicha daallicha! Akka dhugeeffachaan, hujii dansaa tolchan malee, homaa hinbaanne barachuu feetaa? Ee'aayi, Abbaan keenna Abrahaam, eegii ilma isaa Yisihaq sooriyoo Waaqaa baasee, marroo hujii dansaatiif qajeeluma argateeyyuu? Akka dhugeeffachaa fi hujiin dansaan innii hojjate waljabeessitee, dhugeeffachaan isaa hujiin qixooftee inargitaayyuu? Barreessiin ta, “Abrahaam Waaqaa dhugeeffateetti, dhugeeffachaa isaa qajeelumaati herreganiif” jettu ya guutamte. Waaqiilleen, “Jaala kiyya isaan” jedhe. Tanaaf, akkuma isan argitanii, namii dhugeeffachaa qofa adoo hin ta'in hujii dansaan waliin qajeeluma argata. Shaarmuxittiin “Rahaab” jedhaniilleen waan warra Yihudii ka dooyaa dhufan sun keessummoomsitee, akka karaa dhibiin galan tolchiteef, marroo hujii dansaa isiitiif qajeeluma argatte. Akkuma nafii hafuura hinqamne du'aa, ta'ee akkasum dhugeeffachaan hujii dansaa hinqamneelleen dootuu. Obboleeyyaan tiyya, isan namii hedduun barsisota hinta'inaa! Wantii akkanaatiif nuu, warra wa barsiisuu, warra kaan irra nutti muran. Nuun cuftii wallaala hedduu tolchina. Namii, waan jedhu keessaatti, wallaala hintolchinee qixxee jira, danda'eetti nafa ufii cufa qorqorataa. Nu farda akka innii nu kaasatee, fulaa feenuu cufaa geessinu inluugamna. Yokaan mee hoboloo qaabadhaa! Isiin adoo guuddootuu qilleensa guddaan oofamti, ammoo mukaa diqqaa tokkotti gara abbaan fedhuu cufaa karaatti qajeelcha. Akkasuma arrabii ka waan diqqaa, guddoo ufi saada. Akka qaanqeen diqqoon tokko baddaa guddoo gubdu herregaa. Arrabii akka ibiddaa jira, lafa hammeennaatti, nafa keenna keessaa, arrabii waan waan cufa xureessaati; ka ufii ibidda qileetiin qabsiifamee, dhaloota cufaatti ibidda qabsiisu. Wantii akkanaatiif namii dhaloota isaatiin bineensa gosa cufaa, simphirree, waan lafa irra loo'aa, ka bisaan keessa galaa cufaa inleenjisa, ammallee qaaraayyuu la leenjise. Ammoo namii danda'ee arraba leenjisuu hinjiru; innii hamaa namii hindandaa'u, hadhaa nama ijjeeftu qabaa! Nu arrabaan Aabboo Yesusii fi Abbaa keennaa Waaqaa galata galchinna, arrabuma suniin nama dibiillee ka fakkeenna Waaqaa gula uumame abaarra. Afaanuma sun keessaa eebbaa fi abaarsiilleen ba'a. Obboleeyyaan tiyya, wantii kun akkasi ta'uu hin malle! Maddoon bisaan dansaa fi hamoo fulaa takka madditu injirtii? Mukii odaa midhaan ejersaa dandaa'ee hinbaasu, ammallee mukii zabibuu (Waynii) danda'ee midhaan odaa hinbaasu, yokaan bisaan soodda kuraa'oon dandaanii hin miyaan. Namii qalbii qabu ka wa hubatu jidduu teessan jiraa? Innii ha jireenna dansaa, hujii dansaa, ufi diqqeesitii, qaroomaa fi qalbii, akka qabu agarsiisuuti. Ammoo yo garaa keessan keessaa dhiibbii hamtuu fi ufi jaalala qabaattanii, ufi saaddanii dhugaa hindhaaresinaa! Qalbiin akkanaa tunin fulaa Waaqaati hindhuftu, isiin ta lafaati, ta nafaati, ta sheexanaati. Wantii akkanaatiif fulaa dhiibbii fi ufi jaalachaan jirtuu, goo'annaa fi hujii hamtuu akka cufaa hindhaban. Qalbiin gubbaa gadi dhuftu qaraa qulqulloo, ammallee ta nagaa, ta laanaa, ta nama caqaftu, ta naasuu fi midhaan dansaa qabdu, ta tuffii fi kiyyiba hinqamne. Dhugaan dhugumaa midhaan warra nagayaa ka nagayaan oobreetti baassa. Hadhiisaa fi lolii jidduu teessan jiru cuftii eessaa ba'a? Dharraa garaa keessanii ta yo cufaa nafa keessaaniin wal haatuu keessaa ba'a. Wayi feetan malee hin argattan, waan namaa kajeeltaniitii nama ijjeeftanii kaatan; wayii dharraatan ammoo hinargattan, yo argachuu dadhabdan, loltaniitti wal haatan. Wantii isan waan feetan hinarganneef, waan Waaqaa hinkadhanneef. Yo kadhattaniillee hinargattan, wantii akkanaatiif herregii keessan hamaa, waan isan gammachiisaa callaa kadhachuu feetan. Isan warra dhugeeffachaa hinqamne! Akka yo jaala lafaa ta'an, nyaaphaa Waaqaa ta'an hinbeettanii? Nami jaala lafaa ta'uu fedhuu cuftii nyaaphaa Waaqaa ufi tolcha. Barreessii qulqulloo ta, “Hafuurii Waaqii waliin nu dhale dharraa hamtuun guutame” jettu, waan isiin ufumaa jettu hinse'iinaa. Ammoo eebbitii Waaqii namaa kennu hagas irra jabdu. Wantii akkanaatiif barreessiin: “Waaqii nama ufi guddisu dideetti, ka ufi diqqeessuu eebba keenna” jetti. Tanaaf Waaqaa sodaadhaa, Sheexana didaa! Yoos isan biraa baqataa. Waaqaatti dhi'aadhaa, inniilleen isaniitti dhi'aataa. Isan warra cubboolleen harka dhiqadhaa! Warrii kiyyibdoolleen garaa keessan qulqulleeffadhaa! Laaleeffadhaa, boo'aa, imimmaan dhaanaa! Kobla lakkisaa boo'a! Gammada lakkisaa laaleffadhaa! Waaqaa duraatti ufi diqqeessaa, duuba innii oli isan fuudhaa. Hamtuu wal hindubbatiinaa, obboleeyyaan tiyya! Namii hamtuu obboleessa ufii dubbate yokaan isatti mure ya waan hamtuu seeraatti dubbatee mure. Yo seeraatti murtan, isan nama seera guutuunitii ka seeraatti muru. Ka seera baasuu fi ka muruulleen Waaqaa callaa. Isa callaatti danda'ee nama baasee, balleessaallee. Ati ka nama dhibiitti murtu maan ufi seeta? Isan Warrii, “Ardha yokaan bor dira tokko dhandhee, ganna tokko achi teennee, nagaannee, duroomna” jedhu, na dhagayaa. Isan waan jireenna keessanii ka borii hinbeettan! Wantii akkanaatiif isan hurrii haga diqqa tokko mullattee duuba baddu fakkaattan. Sun biraa: “Yo Waaqii jedhe, teenneetti waan kanaa fi sun tolfanna” jechuu maltan. Isan amma ammoo ufi guddichaniitti ufi saaddan; ufi saaditiin tun cuftii fulaaniti. Tanaaf namii akka waan dansaa tolchuu malee ufi beeku, ka ammoo waan sun hintolchine ya cubbuu tolche. Ee'aayi, dureeyyii, mee, dubbii tiyya caqasaa! Gaargala isaniitti dhufuuf Boo'aa, oohaa! Duroomii keessan ya shame, wayaa teessan ya dhodholeen nyaatte. Warqii fi qarsiin teessan ya dandoofte, dandi tanaatti hegerii isan himatee, akka ibiddaa nafa keessan guba. Guyyoota mummee kanaa ya hori kufattan. Isan warra oobruu isanii hojjatuu horii hinbaamne. Akka warrii isan himatu caqasaa! Bootti warra midhaan keessan galchuu, la gurra Waaqaa Aabbo guddaa geette! Jireenni keessan lafa tana irraatti ya ka gammadaatii fi ka machii ta'e. Isan ya guyyaa qalmaatii ufi gabbiftan. Isan ya nama qajeelaa homaa hinyakkin ka ufi irraa isan dhowwuu hindandeenne, wallaala itti murtanii ijjeeftan. Obboleeyyaan tiyya, haga Aabboon dhufuutti obsaa! Akka abbaan oobruu haga midhaan isaa dansaan ba'aanitti eegatu, laalaa. Bokkaa gannaa hagayyaallee obseetti eegataa. Isaniilleen obssuu maltan! Guyyaan Aabboo ya dhi'aatee garaa jabaadhaa. Obboleeyyan tiyya, akka isaniitti hinmurree, walti hingunguminaa. Abbaan murtii balbala dura ejjaa. Obboleeyyaan, raagoota maqaa Aabbootiin dubbatte, qaabadhaa! Akka warrii gaargala obse qaabadhaa! Waan warrii obseef gammada qaban jennaan. Isan obsa Iyoob ya dhageetan, duuba akka Waaqii waan innii fedhu cufaa eegee keenneef inbeettan. Wantii akkasitiif Aabboon guddoo naasuu qaba, guddoo namaa na'aallee. Ee, obboleeyyaan tiyya, waan cufaan hinkakatinaa, gubbaa, lafaa fi waan tokkolleen hinkakatinaa! Akka murtii Waaqaa keessa hinseennee, “Eetiin” teessan eetii ha taatuutii “Hiyyootiin” teessaniilleen hiyyoo ha taatuutii. Namii gaargala qabu isan keessa jiraa? Innii ha Waaqaa kadhatuutii! Namii gammada qabu jiraa? Innii ha faaruu dhaatee Waaqaa galata galchuutii! Namii fayyaa hinqamne isan keessa jiraa? Innii ha jaarrolee gumii Waaqaa yaammatee dhadhaa maqaa Aabbootiin muudanii Waaqaa kadhataniifi. Kadhachaan tunin, yo dhugeeffachaan tolchan, nama sun infayyifti; Aabboon isa in fayyisa, cubbuu innii tolcheellee inaraaramaniif. Tanaaf akkka fayyitan cubbuu teessan walti himadhaa, Waaqaa walii kadhadhaa! Kadhachaan nama qajeelaa waan jabduu, guddoo wa baati. Eliyaasiilleen durii namuma akka keennaati. Innii akka bokkeennii hinbuune guddisee Waaqaa kadhatee jennaan, ganna sadii fi ji'a ja'a bokkeenii bu'u dide. Ammoo innii deebi'ee kadhannaan Waaqii roobee, laftii midhaan baafte. Maqaan kiyya Phexros, ergamaa Yesus Kiristoo, gara gumii Waaqii foohatee ta baqattee gargarii bittinnooftee, lafa Phonxoos, Galaatiyaa, Kaphaadooqiyaa, Asiyaa fi Bitaaniyaa keessa jirtu. Mar. roo fedhii Aabboo Waaqaatiif isan foohatan, akka hafuura isaatiin gumii qulqulloo taatan, Yesus Kiristoo ee'ee jettanii guuttan, dhiiga isatiin qulqullooftan. Eebbaa fi nagaa guddaa argadhaa. Waaqa Aabbaa Aabboo keenna Yesus Kiristootii galata galchinaa! Mar. roo naasuu isatiif innii Yesus Kiristoo du'a keessaa kaase, jireenna haaraa nuu kenne. Wantii kunin abdii jirtu nuu kenniti, tanaaf nu akka eebba guddoo, Waaqii gumii isaatii kakate argannu inheregannaa. Innii eebba sun gubbaa isanii olkaa, fulaa isiin dandeettee hinshamneef, yokhaan hinhammaanneef, yokhaan hingogonneef. Isanii warra baafama amma kurfeessanii guyyaa muummee mullisan eegattani ka marroo dhugeeffachaatiif jabeennii Waaqaa qorqoratuti, wanni sun keessan. Adoo ammaa tana waan hedduun gaargaltanii guddoo laleeffattanillee marroo waan kanaatiif gammada. Wantii kunin akka dhugeeffachaan teessan ta dhugaa garsiifti. Warqii dhumattuulle bassan ibiddaan laallatan; ammoo dhugeeffachaa teessan, ta warqii irra wa baatu akka isiin haga jiruu jireennaa teettu laallachuu malan. Yoos guyyaa Yesus Kiristoon mullatu saaduu, guddinnaaf, ulfinna argattan. Isan, adoo isa hinarginiillee, isa jaalattan, adoo amma ilaan hinagarreellee isa dhugeeffattan tanaaf gammada guddaa dubbiin dandeettee hinmullimneen qiliixamtan. Mar. roo isan baafama hafuura keessanii, ka dhugeeffachaan foohattee abdattuu argataniif. Mar. roo eebba Waaqii isanii kennuu fedhee raagotii dubbatte waan baafamaa kana akka jabaa barbaadde. Yo wantii kunin dhuftuu fi akka isiin dhuftu barbaadan. Hafuurii Kiristoo, ka warra keessa jiru, yo kana akeeke, gaargala Yesus argachuu maleef guddinna eegii sun dhufu hima. Akka hujjiin warrii hojjate adoo warrii dhugaa amma isan dhageettan tana dubbatellee warra hinqarqaartuu, ammoo isan qarqaartuu Waaqii ya raagootaatti mullise. Ergamtoota oduu dansaa, ta jabeenna Hafuura Qulqulloo, ta gubbaa gad erganiin dubbateetti waan kana isaniitti hime. Dhugaa tana ergamtootii gubbaalleen silaa barachuu feeti. Tanaaf qalbii teessan kurfeefadhaa waan hamtuu irraa ufi eegaa; abdii teessan, eebba Yesus Kiristoon mullatu ta isanii kennan, irra keeyadhaa. Ijoollee Waaqaa saalfattu tahaa, dharraa gaafa homaa hinbeenne qabdan taan amma gula hinyaa'innaa. Ammoo waan tolchitan cufaa keessa qulqulloo tahaa, akkuma Waaqii, ka isan yaame, qulqulloo. Wantii akkanaatiif barreessiin qulqulloo, akkuma anin qulqulloo isaniilleen qulqulloo tahuu maltan jetti. Yo Waaqa, ka nama cufa ila tokkoon laalee, waan innii tolche gula itti muru kadhattani, “Aabboo” jettaniin; haga lafa tana irra jirtan akka keessumaa taatanii isa sodaachuu maltan. Wantii akkanaatiif isan akka aadaa hamtuu abbootii teessan irraa barattan keessaa isan bitan inbeettan. Horiin isan bitamtaniin sun waan akka qarsii fi warqii badaatiiniti. Dhiiga Kiristoo ka gatii guddoo qabu, ka akka elemoo hoolaa faacii fi aaboo tokkoollee hinqamneen isan bitan. Adoo lafa hinuumiin Waaqii isa marroo teessaniif foohatee, guyyaa muummee kana isa mullise. Isan, isaan, Waaqa, ka du'a keessaa isa kaasee, guddinna kenneef dhugeeffattan; tanaaf dhugeeffachaa fi abdiin teessaniilleen Waaqaa ilaalti. Eegii isan amma dhugaa guuttan suniin ufi qulqulleessitan, ammallee obbolleeyyan teessan akka dansaa jaalattan, garaa keessan cufaan akka dansaa wal jaaladhaa! dubbii Waaqaa ta haga hegerii jirtuun, isan akka ijoollee didiqqoo abbaa fi haatii dootunittii ammoo ta hindoonee dhalattan. Akkuma barreessiin, “Namii cuftii akka buuyyoo jira, guddinnii nama cufaa akka daraaraa buuyyoo jira; buuyyoon goddeetti, daraaraan isii jiga, Ammoo dubbiin Aabboo haga jiruu jireennaa jirti” jettu. Dubbiin oduun dansaan isanii dhufteen tana. Hameenna cufaa lakkisaa; nama hin sobinaa, olufi hinfuudhinaa, walhinqoxxisinaa, maqaa walhinxureessinaa! Akka ijoollee dhiyoo dhalattee aananii boottuu, isaniilleen, akka dhuddanii gugurdattanii baafamtan dubbii Hafuura Qulqulloo sunii dharraa. Wantii akkanaatiif isan ya arjooma Waaqaa gartan. Gara Aabboo koottaa, innii dhakaa jiraata, fuula Waaqaa duratti gatii guddoo qabu, ka biyyitii cuftii diddee, ammoo Waaqii foohate. Akka mana hafuuraa isan jaaranii, qaallolee qulqulloo taatanii, sooriyoo dansaa, ta waaqii fedhu, karaa aabboo Yesus Kiristootiin dhiyeessitan, akka dhakaa jiraataa tahaa koottaa. Wantii akkanaatiif barreessiin, “Anin dhakaa gatii guddoo qabu fohadhee, akka dongoraa manaa ta'uu Xiyoonii keessa dhaaba. Nama isa dhugeeffatu tokkoollee hinceersan” jettu. Tanaaf isan warra dhugeeffatuu, dhakaan kunin dhakaa jabaa; ammoo warra hindhugeeffannee. “Dhakaan jaartuun tuffattee diddee, yaayyuu dhakaa jabaa tahe” jetti. Barreessiin dhibiilleen, “Dhakaan nama gufachiisu kana, Siidaan nama buusulleen isuma” jetti. Warrii waan dubbii hin dhugeeffatiniif gufataa; wantii Waaqii warraa herrege tana. Isan ammoo gosa Waaqii foohate, qaallolee hayyuuti, gumii qulqulloo, warra Waaqaa ka akka hujii Waaqaa ta mamaa himtaniif foohatan, ka dukkana keessaa ifa isaa ta mamaatti yaaman. Isan durii gumii Waaqaatiinii, amma ammoo gumii isaati; durii naasuu Waaqaa hinbeettanii, amma ammoo ya naasuu isaa argattan. Anin isanii kadhadhaa, jaallan tiyya, ta akka keessummaatii fi akka nama baqaa waan taataniif, yo lafa tana keessa jiraatan; dharraa nafaa, ta cubbuutti nama geessitu, ta yo cufa Hafuuraan wal haatu gula hinbadinaa. Amalii keessan warra Waaqaa hinbeennee ha dansaa tahuu, akka yo warrii hammeenna isan himatellee, hujii teessan dansaa arganii, guyyaa Waaqii dhufee nu laalu isa guddisan. Mar. roo maqaa Aabbootiif aadaa fi seera namii baasu cufa guutaa. Hayyuu ka waan cufa harkaa qabuu fi warra gugurdaa dhibiillee, ka innii akka warra waan hamtuu tolchu gaargalchee warra waan dansaa tolchu saaduu fi ergellee guutaa. Fedhiin Waaqaa tana, akka isan haasaa daallumaa, ka warra homaa hinbeennee, hujii teessan dansaan callisiiftan. Akka nama balchaa taa, ammoo balchooma keessan golla uji hamtuu hintolchinaa, akka hojjattuu Waaqaa taa. Nama cufaa ceeraa, obboleeyyan dhugeeffatte jaaladhaa, Waaqaa sodaadhaa, hayyuullee ceeraa. Isaniin tisseelleen, abbootii teessani saalfadhaa, warra laanaa ka isanii na'uu callaanitii, ammoo ka isanii hin naaneelle seera warraa guutaa. Tanaaf yo isan waan fedhii isaa guutaniif, gaargala isanii hinmalin argatanii, Waaqii isan eebbisa. Yo wallaala tolchitanii isan dhaananii, ammoo wallaala sun obsitanii, maan isanii baati? Ammoo yo waan qajeelaa tolchitanii gaargala obsitan, Waaqii marroo suniif isan eebbisa. Waan kanaatti Waaqii isan yaame; wantii akkasitiif Kiristoon durii akka isan faana isaa gula yaatan marro teessaniif gaargalee akeeka isanii tahe. Innii takka cubbuu hinhojjanne, yokaan namii tokkoolleen isaa dhara dubbatu hindhageenne. Gaafa isa arrabsan innii takkaa nama hinarrabsine; isa gaargalchinaanii innii nama tokkoollee hinsodachiimne, abdii ufii ammoo, Waaqaa dhugaa ka murtii dhugaa muru, irra keeyyate. Kiristoon cubbuu teenna nafa ufitiin baatteetti fannootti ol ba'e; akka nu cubbuu dhumannee qajeelumaa jiraannu. Madaa inni madaa'een isan fayyitan. Isan qara akka hooliyyee karaa irraa baddee jirtan; amma ammoo ya tissituu fi qorqorattuu lubbuu teessanitti deebitan. Akkasumaa isan nadheen, akka yo dhiirsotii garii dubbii Waaqaa dhugeeffachuu baattellee adoo isan namii tokkoolleen homaa hinjedhin, adabii keessan callaan Waaqaatti warra deebisu dhiirsota teessanii ceeraa. Warrii adaba keessan dansaa fi qulqulloo argee maacha. Mat. aa filachaan, faayaa naqachaan, wayaa naqataniin shoobuu himmalle. Ammoo midhaagumtii teessan ta garaa keessaa hataatuu, midhaagumti hafuura laanaa fi obsaa ta hinjaare; tunin Waaqaa duratti waan guddoo. Karaa kanaan nadheen durii ta Waaqaa abdatte ufi midhaasitee, dhiirsota ufiitii ceerte. Saaraan durii akkas taate; isiin Abraahamii ceertee akka Abbaa ufii herregatte. Isan amma ijoollee isii ka yo waan dansaa tolchite homaa hinsodaanne taatan. Isaniin dhiirsotaa, yo nadheen teessan waliin teettan, akka isiin isan irra laaftu beettanii ceeruuf maltan. Wantii akkanaatiif isaniin cuftii waliin eebba jireenna Waaqaa qabdan. Akka wantii tokkoolleen kadhachaa teessan isan duraa hinyakine waan kana tolcha. Dubbii buufataa herrega takkaa fi garaa takkaa qabaachuu maltan; akka obboleeyyanii waljaaladhaa, walii na'aa, walii saalfadhaa. Nama waan hamtuu isan tolche waan hamtuu hintolchiinaa; nama isan arrabse hinarbisinaa, ammoo eebbisaa; wantii akkanaatiif Waaqii, gaafa isan yaame, eebbaaf isani yaame. Barreessiin qulqulloon, “Namii jireenna fedhu, ka gammadaan taa'uu fedhu, ka bara dansaa arguu fedhu, waan hamtuu dubbachuu hinmalle, dharallee dubbachuu himmalle. Innii hameenna irraa deebi'ee, waan dansaa tolchuu male, ammallee jabeessee nagaa barbaaduu male. Wantii akkanaatiif, ilti Aabboo warra qajeelaa qorqoratii, gurrii isaalleen yo cufa kadhachaa warraa dhagaa; ammoo warra hameenna tolchu innii itti dallana” jetti. Yo isan waan dansaa guddoo tolchuu feetan eentu wa isan tolcha? Ammoo yo waan dansaa tolchitanii, isan gaargalchaniillee, milkii teessan! Nama hinsodaatinaa, garaa ufi hindhaaniinaa. Ammoo garaa keessan keessaatti Kiristoo guddisaa Aabbaa isa tolfadhaa. Nama waan abdii isan ufi keessaa qabdanii isan gaafatu, akka itti himatan yo cufaa kurfoo taahaa. Ammoo garaa laafinnaatii fi ka ceeratiin tolchaa. Akka yo isan arabsan namii marroo isan adaba dansaan Kiristoo gula yaataniif hameenna isanitti dubbatu ceeru, qalbii teessan qulqulleeffadhaa. Waan hamtuu tolchanii gaargalu biraa yo fedhii Waaqaa taate, waan dansaa tolchanii gaargalan wayya. Wantii akkanaatiif Kiristoolleen namii dansaan marroo nama hamatiif du'e. Innii marroo teessaniif yoma tokkoo du'e, akka akkasiin Waaqatti isan deebisu. Nafa isaa ijjeessanii, ammoo hafuurii isaa injira. Hafuurii isaa dhaqeeti hafuura hidhaansa keessa jiruulleetti haasaa. Hafuurii hidhaansa jiru kunin ka jara Waaqaa caqasuu didee, gaafa innii, adoo Noohii hobooloo jaarratuu obsaan eege. Nama saddeeti ka hoboloo keessa jiru callaatti bahe. Bisaan kunin waan cuuphama agarsiisaati, ka amma isan baasu, xurii nafa irraa hindhixxuu, ammoo kakuu qalbii dansaan Waaqaatti kakataniin isan baafti. Cuuphamii marroo ka'iisa Yesus Kiristotiif isan baasa, ka Waaqaa gubbaatti oldeebi'ee harka Waaqaa ka mirgaa taa'e, ergamtootaa Waaqaa gubbaa, jabeennaa fi humna Waaqaa gubbaa jirtu cufaa moo'u. Mar. roo Kiristoon nafaan gaargaleef, isaniilleen herega suniin ufi jabeessuu maltan wantii akkanaatiif namii nafaan gaargalee tokkoolleen itti deebi'ee daba keessa hinseenu. Armaa achi jireenna keessan cufaan fedhii Waaqaa keessa taa'aa; dharraa nafaa lakkisaa. Wantii akkanaatiif isan ya bara hedduu waan warrii Waaqaa hinbeenne tolchu tolchitan. Jireenna keessan keessa ya waan xuriitii, dharraa nafatii, dhugaatii farsotii, sabdoomaa, machii fi kadhachaa dharaa, ta waan harkaan bocanii, gula yaatan. Amma warrii Waaqaa hinbeenne, yo isan akka warraa waan xuriitiin hinbineensomne, mamee isan arabsa. Ammoo warrii kunin cuftii waan qara tolche, Waaqaa nama jiruu fi ka du'eelleetti muruu kurfoo jiru duraatti himachuu male. Mar. roo waan kanaatiif oduu dansaa warra qara du'ee, ka akka nama cufa nafaan itti muran odeessan. Wantii warratti odeessaniif akka warrii hafuuraan akka Waaqii jiru jiraatu. Muummeen waan cufaa ya dhi'aattee; tanaaf akka Waaqaa kadhattanii, ufi tissitani kurfoo taa'uu maltan. Waan cufa irra waljaaladhaa! Wantii akkanaatiif jaalaltii cubbuu hedduu dhossiti. Aananii foon qabdan garaa tokkoon walii kennaa. Namii cuftii ya Waaqaa irraa kennamsa naasuu argate. Duuba innii kennamsa sun ha jabeessee nama cufaan gargaarutii. Namii wa barsiisuu ha dubbuma Waaqaa barsiisutii; namii wa hojjatuulleen ha jabeenna Waaqii kennuufiin hojjatuutii; akka waan cufaan Waaqii karaa Yesus Kiristootiin ulfinna argatu. Yesus Kiristoo, guddinnaa fi jabeennii haga jiruu jireennaallee ha ta'u. Ee'e jenne! Jaallan tiyya, yo ilaallachaan guddoon akka ibidda nama gubuu isantii dhuftee, akka waan wantii namii takka hin argin, isaniitti dhuftee hinmaminaa. Ammoo gammadaa, akka marroo isan gaargala Kiristoo qoodattaniif, yo guddinna isaatti mullattan gammadii keessan guutamu. Kaayoon teessan yo marroo maqaa Kiristootiif isan arabsan; wantii kunin akka Hafuurii Waaqaa, ka guddinnaa gara keessan dhufee garsiifti. Isaniin tokkoolleen nama ijeeftanii, yokhaan wa hattanii, yokhaan wa yakkitanii, yokhaanii waan namaa keessa seentanii hin gaargaliinaa. Ammoo yo marro isan Kiristaana taataniif isan gaargalchan hinceerinaa, waan maqaa Kiristoo qabdaniif galata Waaqaa galchaa. Yoh. ii murtiin kennamtu ya gahe, murtii tana qaraa fiixee warra Waaqaattiin jalqaba. Yo qaraa nuun itti keeyyatan, warra oduu Waaqaa dansaa hindhugeeffanne maan tolchan ree? Akkuma barreessiin, “Yo akkii namii qajeelaan bahu gaargala ta'e warra cubbuu ka Waaqaa hinbeenne maan tolchan ree?” jette Tanaaf warrii marroo fedhii Waaqaatiif gaargalu, ha hujii ufii dansaan harka Waaqaa warra uumee, ka yo cufa kakuu ufii guutuutti kennuutii. Anilleen jaarsaa, anin isan kadhadha, jaarrollee gumii ta jidduu teessan jirtuu kadhadhaa. Anin gaargala Kiristoo ila tiyyaan argee, duuba guddinna eegii tanaa mullisan qooda keessaa qaba. Hooliyyee Waaqii isanii kenne, akkuma Waaqii akka isan tolchitan fedhu garaa lamaanitii garaa tokoon tissaa. Hujii teessan ammoo, waan horii keessaa argattan callaaf hintolchiinaa, fedhiin tolchaa. Warra harka keessanitti kennan hin moohatiinaa, ammoo akeeka dansaa hooliyee tahaa. Duuba gaafa tissaan guddaan dhufu, surree ulfinnaa ta haga jirtu hindulloommanne argattanii. Akkasuma isan ka'iimii, jaarrollee saalfachuu maltan. Namii cuftii ha ufi diqqeessee walii gargaaruu; wantii akkanaatiif “Waaqii warra ufi guddisuun imorma, ammoo ka ufi diqqeesu ineebbisa” barreessiin jettii. Akka innii yo fulaan geette isan guddisuu, harka Waaqaa jalaatti ufi diqqeessaa. Gaargala keessan cufa harka isaatti kennadhaa, wantii akkanaatiif innii isan jaalatee, isan qorqorata. Nyaaphii keessan Sheexanii akka Nyeencaa ittanuu deemaa nama nyaatu barbaadaa, kurfoo taa'aa, eegadhaa. Dhugeeffachaa teessan jabeessaa, isa didaa; akka namii akka keessan dhugeeffate, lafa cufa keessa akkuma keessan gaargaluu jiru isan inbeettanii. Ammoo eegii isan bultii diqqoo tokko gaargaltan, Waaqii eebba cufa, ta akka guddinna Kiristoo waliin qoodattanii isan yaame, isan qixxeessee, jabeenna isanii kennee, yayyaba jabaa isanii midhaasa. Jabeennaa fi ulfinnii ammaa fi hegeriillee Isaa haa ta'u! Ee'e jenne. Anin ergaa diqqoo tana qarqaarsa Silwaanos, ka anin akka obboleessa dhugaa herregadhuutiin, barreesse. Anin isan jabeessuu fedha, ammallee akka eebbitii Waaqaa dhugaa, isaniitti himu fedha. Eebba tanaani jabaadhaa. Gumiin Baabilon ta Waaqii foohate, nagaa isanii dhaamti, ilmii kiyya Maarqosilleen nagaa dhaamaa. Nageennii isanii warra Kiristoo cufaa waliin taa'inna. Jaalalaa Kiristaanaatiin nama cufa nagaa ittii nu himaa nu Dhungaadha. Maqaan kiyya Simoon Phexros, anin hojjataa fi ergamaa Yesus Kiristoo. Anin ergaa tana gara warra qajeeluma Waaqaatii fi ka qarqaarsa Yesus Kiristootiin dhugeeffachaa dansaa akka teenna argateetti barreessa. Eebbaa fi nageennii, beekkumsa Waaqaatii fi ka Yesus Kiristootiin isan haa guutuu. Waan ka nu yaamee guddinnaafi dansooma ufii nu qodee beennuf akka jirennaa dansaan tennuu yaa waan nu argachuu mallee cufaa nu kenne. Jaabeni isaa jabeenna Waaqaati. Karaa kanaan, innii ya kakuu dansaa, ta guddoo wa nu baatu nuu kenne, akka eegii waan innii kakate argattan, dharraa badii, ta lafa tana keessa jirtu, duraa baatanii, Waaqaa fakkaattani, jireenna isaa qoodattan. Mar. roo waan kanaatiif jabaadhaa akka dansooma dhugeeffachaa teessaniitti darattan; dansooma keessaniitti hubachaa daradhaa; Hubachaa teessaniitti ufi qorqortii daradhaa; ufi qorqortii teessaniitti obsa daradhaa; obsa keessaniitti jireenna Waaqaa daradhaa; jireenna Waaqaa keessanitti jaalala obboleeyyaanii daradhaa; jaalala obboleeyaaniitti jaalala daradhaa. Waan kana cufaa qabaachuu maltan; yo waan kana cufa qixxee ufi keessaa qabaattan, beekumsa Aabboo Yesus Kiristoo keessaatti jabaattan midhaan baaftan. Namii waan kana hinqamne ballaa yokaan ila boora waan fagoo hingarre, ka akka cubbuu isaa ta dabarte irraa qulqulleessan hinqaabanne. Tanaaf obboleeyyaan tiyya, akka yaamicha Waaqaatii fi foohachaan isaa guyyaa cufaa isanii jaaramtu jabaadhaa dharraha, wantii akkanaatiif yo waan kana tolchitan haga jirtan hinjiddan. Karaa kanaan akka finna Aabboo keennaa fi qarqaarsa keenna Yesus Kiristoo ka hegerii argattan isan tolchan. Duuba waan kana adoo isan beettanii, dhugaa qara argattan akka dansaa jabeesitaniillee anin yo cufa isan qaabsiisa. Anin yo haga jiru qalbii teessan tuqee qaabsise guddoo qajeeltu seha. Akkuma Aabboo Yesus Kiristoon diideessee natti himee, anin akka dhi'oottuu du'u inbeeka. Anin akka isan waan kana eegii anin du'eellee yo cufaa qabattanii, jabaadheetti karaa isanii midhaasa. Wantii akkanaatiif isaa oduu durii ta homaa keessa hinjire gula, akka Aabboo Yesus Kiristoon jabeennaan dhufu, isaniitti hin himnee, iluma teennaan guddinna isaa agare. Gaafa Aabboo Waaqii ulfinnaa fi guddinna isaa kenne, mullise nu achi jirra, gaafa qoonqoon gaara guddinna gubbaatti gadi dhuftee, “Kunin Ilma kiyya, ka anin jaaladhu, ka guddoo na gammachiisu” jette. Nu gaafa isa waliin gaara qulqulloo gubbaa jirru qoonqoo tana ta gubbaa gadi buutu dhageenne. Tun cufti waan raagootii nutti himte haga qaraalle caalaa akka dansaa nuu diidessiti. Yo waan kana akka dansaa caqaftan, waan dansaa tolchitan; wantii akkanaatiif innii akka ibsee dukkana keessa ibsituu jira, haga boruun diimatee bakkalchii barii garaa keessaniitti ibsuutti. Waan cufaa irra, waan kana qaabadhaa; namii tokkoolleen danda'ee himanaa barreessii qulqulloo keessatti barreessan akkuma fedhu hinhimu. Adoo namii dubbii fulaa Waaqaatii dhufte dubbatuu, ammoo Hafuura Qulqullootti nama dubbachiisee. Wantii akkanaatiif dubbiin himani tokkoolleen takkaa fedhii namaa keessaa hinbaane. Raagootii dharaa duruu biyyaatti dhuftee, ammallee akkasuma raagootii, dharaa isaniitti dhufti. Barsiisaa dharaatii fi ta nama balleessituun dhuftee, Aabboo ka warra baase mormattee, yoma tokkoon badiin ufitti dhufan. Yo akkas taateellee, namii hedduun karaa warra hamaa sun gula yaa. Ammallee wanti warri tolchuu akka karaa dhugaa keessa hammeen jiru biyya dubbachiifti. Barsiisootii dharaa tunin akka wa keessaa argattu sabdooma ufitii fi oduu dharaa odeesiti. Ka warraatti muru bara hedduu kurfoo jira, ka warra balleessuulleen ya hirriibaa kahe. Waaqii ergamtoota durii daba tolchite akkanumaatti hinlakkimnee, ammoo boolla gadi qileetti gataan, achiitti haada sibiilaatiin hidhan, dukkana keessatti murtii eegatti. Waaqii lafa durii akkanumaatti hinlakkimnee, ammoo lafa warra Waaqaa hinsodaannee bokkaa guddaa itti roobee bisaaniin balleesse; namii innii baase Noha ka dhugaa barsiisee fi nama torba dhibii. Waaqii dira Sodoomii fi ka Gomoraa wallaala itti muree, ibiddaan gubee daaraa tolche, warri kun akeessa nama Waaqaa hinsodaanneeti. Innii nama dansaa ka Loox jedhan callaa baase, ka hameennii warra seera hinbeennee isa gaargalche. Namii dansaan sunin jidduu warraa taa'ee, guyyaa cufaa hameenna warraa argee dhaga'ee garaan isaa hammaate. Tanaaf Waaqii akka nama qajeelaa gaargala isaa duraa baasu, ammallee akka nama hamaa haga guyyaa muraatiin eegu inbeeka, keessumaa warra dharraa nafaa hamtuu gula yaa'ee jabeenna Waaqaa tuffatuu. Barsiisootii dharaa tunin cuftii daallee kiyyibduu, ta mataa jabaattu, ta uumata gubbaa jira hinsodaanne arabsitu. Ergamtootiilleen ta jabeennaa fi humna warra irra qabdu Aabboo duratti warra himattee hinarabsitu. Warrii kunin ammoo akka bineensa alaaka qalbii hinqamnee jira, ka qabisaa fi ijjeechaa dhalate; warrii waan hubachuu dadhabe in abara. Warra akka bineensa alaa balleessan; Akkuma warrii gaargalaan dhufe, warraallee gaargalaan ittii dhufan; gammadii warraa yo waan dharraa nafa warraa quufsitu guyyaa guddaan tolchan. Waan warrii karaa sobaa jaalatuuf, yo warrii sagalee isan waliin nyaatu waan fafaati. Warrii nadheen malee waan tokkoollee hin millatu, sabdooma warra ka gara daba haguma jiran hinquufsan. Warrii nama laafaa cufa xuruuraa keessa buusa. Onneen warraa ya sabdooma barattee, tanaaf warrii abaarsa Waaqaa qaba. Warrii la karaa qajeelaa irraa goree bade; ya karaa Bala'aam, ilma Be'or, gula yaa'e; innii horii hameenna tolchee fudhatu jaalate, waan wallaala isaatiif isa gorsan. Wantii akkanaatiif haarreen duudaan qoonqoo namaatiin dubbatte, waan daallummaa ka raagii sun tolchu dhowarte. Warrii kunin akka eela madda hinqamnee jira, akka dumansa bubbeen fuutuu jira; Waaqii ya dukkana siphee keessatti fulaa warraa midhaase. Dubbii kiyyibaatii fi ta daallummaa dubbattan, nama diqquma tokko warra wallaala qabu keessaa hinbahiin dharraa nafaatiin soban xuruuraa keessa buusan. “Nu isan balchoomsina namaan” jedhanii ammoo warrii ufiiyyuu tisseellee waan hamtuu, wantii akkanaatiif namiinuu tissee waan isaa dabsate cufaati. Yo namii marroo Aabboo fi fayyisaa keenna Yesus Kiristoo beekuuf xurii lafaa keessaa ba'e, ammoo ammallee hammeennii sun isa qabee dabsatee, namii sun haga qaraallee irra hammeenna keessa jira. Fulaa karaa dhugaa baratee seera qulqulloo isaa kennan irraa baduu, adoo silaa barachuu baatee irraa isaa jirti. Wantii warrii ta'ee mammaassa, “Sareen didiiga ufiitti deebitee nyaatti” jedhuu fi ka, “Booyyeen dhiqan itti deebiteetti dhoqqee keessa gangalaatti” jedhuu, akka innii dhugaa garsiisa. Jaallan tiyya, ergaan lammeessoo ta anin isanii barreesse tana. Ergaa tana lachuu keessatti anin ya herrega dansaa isanii kennuu fedhe, waan kana isan qaabsise. Dubbii raagootii qulqulloon durii jettee fi ammallee seera Aabboo fi fayyisaa harka ergamaa isaatiin isanii kennee qaabadhaa. Akka guyyaa eegee namii garii ka dharraa nafa ufii callaa fedhu dhufu, qaraa fiixee hubachuu maltan. Isan koblaanii, “Innii indhufa jedheeyyuu? Amma meeti? Ababootiin teenna durii doote, ammoo wantii cuftii haga lafa uumanii akkuma takkaa jirti” jedhan. Warrii sun adoo beekuu, waan kana dida, durii Waaqii dubbannaan lafaa fi gubbaan uumamte. Lafa sun bisaan keessaa fi bisaaniin uuman, bisaanumaan durii wanti lafa irra jiraa cufti bulbulamte badde. Ammoo lafaa fi gubbaa amma jirtu tanaa akka ibiddaan balleessan dubbuma Waaqaa suniin ya olkaa'an. Innii guyyaa nama dabaa cufa itti muraan balleessaniif olkaa'e. Jaallan tiyya, ammoo waan kana hindedhinaa! Waaqaa duratti guyyaa tokkoo fi gannii kuma tokkoolleen haguma takkaa. Akka namii garii se'e hinturuu, Aabboon kakuu ufii inuma guuta; ammoo innii guddoo isan obsa; wantii akkanaatiif innii nama tokkoollee ka badu hinfedhu, nama cufaa ka daba irraa deebi'u fedha. Ammoo Guyyaan Aabboo akka hattuu dhufa. Guyyaa sun gubbaan iyyanna guddoon badde, wantii gubbaa jiraa cuftii gubatteetti hobbaati, lafaa fi wantii isii keessa jiraa cuftii baddi. Mar. roo wantii kunin cuftii akkana badduuf, isan nama akkam ta'uu maltan? Jireennii keessan cuftii ha qulqullaa'ee Waaqaa duratti qixxaa'uu, Akka guyyaan sun hurrisee dhufu, adoo guyyaa Waaqaa eeddanuu jabaadha! Guyyaa gubbaan gubattee baddee, wantii gubba jiraa cuftii baxxee baddu. Ammoo nu waan Waaqii nuu kakate lafa haareetii fi gubbaa haareettii qajeelumaan guutamte teenne eeganna. Tanaaf jaallan tiyya, adoo guyyaa sun eeddanuu, jabaadhaa akka fuula Waaqaa duratti qixoomtan, wallaala malee nagaan isa waliin teettan. Akkuma obboleessii keenna Phaawulos qarooma Waaqii isaa keenneen isaanii barreessee akka obsii Aabboo keennaa baafama nuu ta'u qaabadha. Wantii innii ergaa ufii cufa keessatti barreessu tana. Waan jajabduutti ergaa isaa keessa jira, ka namii homaa hinbeennee fi lallaafaan qonyisu, akkuma warrii waan barreessii qulqulloo keessatti barreessan ka garii tolchee, akkanaan ufi balleessu. Ammoo isan jaallan tiyya, duuba akka wallaalii nama seera hingunnee isan balleessee dhaabbi teessan dansaa indhamne, waan kana qaraa beettanii ufi tissaa. Ammoo eebbaa fi hubachaa Aabboo fayyisaa keenna Yesus Kiristoo keessa guddadhaa. Guddinnii ka isaati, ammaa fi haga jiruu jereennaallee! Ee'e jenne Nu waan dubbii jireennaa ta qaraa fiixe jirtu barreessina: nu ya gurra keennaan dhageennee, ila teennaan agarree dawannee, harka keennaan qabanne. Jireennii kunin mullannaan arginee tanaaf waan isaa dubbanna, ammallee waan jireenna hegerii ka Aabbaa waliin jiru, ka nu beessisan, isaniitti himna. Nu waan arginee dhageenne isaniilleetti himna, akka isaniilleen waldhaqiisa nu Aabbaa fi Ilma isaa Yesus Kiristoo irraa qamnu argattan. Ammallee akka gammadii keenna qixaa'uu fi waan kana barreessin. Dhaamsii nu Ilma isaa irraa dhageennee isanitti himnu kana: Waaqii ifa, isa keessa dukkantii tokkoolleen hinjirtu. Nu yo Waaqaan waldhaqiisa qamna jennee, ammoo dukkana keessa yaanee, dhara dubbannee, dhugaan nu keessa hinjirtu. Ammoo yo akkuma innii ifa keessa jiru nulleen ibsee keessa jiraannee nu'uun cufti waldhaqisa qamna; ammallee dhiigii Yesus Ilma Waaqaa cubbuu teenna cufa nurraa dhiqee qulqulleessa. Nu yo cubbuu hinqamnu jennee, ufi sobnee, dhugaan nu keessa hinjirtu. Ammoo yo cubbuu teenna Waaqaatti himanne, innii ka dhugeeffatanii fi qajeelaa, daba keenna nuu araaramee, cubbuu teenna cufa qulqulleessa. Nu yo cubbuu hintolchine jennee, isa dhareesinee, dubbiin isalleen nu keessa hinjirtu. Ijoollee tiyya, akka isan cubbuu hintolchinee anin waan kana isanii barreessa, ammoo yo namii cubbuu tolche, nu Yesus Kiristoo qulqullicha ka Abbaa duratti nuu dubbattu qamna. Mar. roo hujii isaatiif cubbuu teenna nuu araaraman, teenna callaaniti ammoo ta nama lafa cufaalle. Akka Waaqaa beennu yo seera isaa guunne beenna. Namii “Anin isa beeka” jedhee, ammoo seera isaa hinguunne dharticha, ammallee dhugaan isa keessa hinjirtu. Ammoo namii dubbii isaa guutu cuftii ya akkuma dhugaa qixeessee Waaqaa jaalate. Mar. roo waan kanaatiif nu akka karaa Waaqaa keessa jirru inbeennaa, namii, “Anin karaa Waaqaa keessa jira” ufiin jedhu, jireenna ufiitiin Kiristoo fakkaachuu male. Jaallan tiyya, anin seera haaraa isanii barreessuutti hinjiruu, ammoo seera duruu jiru barreessuu jira. Seerii duruu jiru sun dubbii isan duruu dhageettan. Taatuullee, seerii anin isanii barreessuu haaressa, ka akka innii dhugaa, isanii fi Kiristoollee keessatti argan. Wantii akkanaatiif dukkantii dabruutti jirti, ibseen dhugaa yaa ibsite. Namii, “Anin ibsee keessa jira” jedhee ammoo obboleessa ufi jibbu ammallee dukkana keessa jira. Namii obboleessa ufii jaalatu ibsee keessa taa'a, wantii isa gufachiisaa tokkolleen hinjirtu. Ammoo namii obboleessa ufii jibbu dukkana keessa jira, ammallee dukkana keessa dedeema, waan dukkantii lafa argu dhoorteef, gara deemuullee hinbeeku. Ijoolle! Waan cubbuu teessan marroo Kiristootiif isanii araaramaniif anin isanii barreessa. Aabbootii waan isan ka qaraa fiixe jiru beettaniif anin isanii barreessa. Isanii warraa kahimaa! Waan isan hamaa sun dabsattaniifii anin isanii barreessa. Ijoolle! Waan isan Aabbaa beettaniif anin isanii barreessa. Aabbootii! Waan isan ka qaraa fiixe jiru beettaniifii, anin isanii barreessa. Isanii kahimaa! Waan isan jabaattanii, dubbiin Waaqaa isan keessa jirtuufii, ammallee waan isan hamaa kaan dabsattaniifii, anin isanii barreessa. Lafaa fi waan isii keessa jiraa tokkoollee hinjaalatinaa! Namii yo lafa jaalate, jaalaltii Aabbaa isa keessa hinjirtu. Wantii lafa keessa jiraa cuftii, dharraa nafaa, kajellaa ilaatii fi qabeenni namii dhaabbatu gara Aabbaati hindhumnee, ammoo lafuma keessaa dhufte. Lafaa fi dharraan isiilleen indabarti, ammoo namii fedhii Waaqaa tolchu haga jiruu jereennaa jiraata. Ijoollee tiyya, muummeen ya dhi'aatte! Akka nyaaphii Kiristoo dhufu ya isanitti himan; nyaaphii Kiristoo hedduun amma yaayyuu mullatee, tanaaf akka muummeen dhi'aatte inbeenna. Warrii kunin qaraallee gumii teennaanitii, tanaaf nu biraa yaa. Yo silaa gumii teenna keessa jiraattan, nu waliin ta'a. Ammoo wantii warrii nu biraa yaa'eef akka jarii tokkoolleen gumii teenna hintahiin agarsiifti. Hafuura Qulqulloon ya isan muudani, tanaaf isaniin cuftii dhugaa beettan. Anin waan kana marroo isan dhugaa hinbeenneef isanii hinbarreessinee; ammoo marroo isan dhugaa beettaniif isanii barreesse, ammallee, akka dhartii tokkoolleen dhugaa keessaa hinbaane isan inbeettan. Eentu dharticha, nama Yesus Kiristoonitii jedhu male? Namii kunin Nyaapha Kiristooti, Abbaa fi Ilmallee indida. Namii Ilma didu Abbaallee ya dide, ka Ilma fudhatu Abbaallee ya fudhate. Wantii isan haguma duriiti dhageettan ha isan keessa teettu. Yo wantii isan haguma duriitii dhageettan isan keessa teetee, isan Ilmaa fi Abbaa keessa teetan. Tunin waan Kiristoon akka jireenna hegerii nuu kennu nuu kakate. Anin waan kaan marroo warra isan sobuu fedhuutif barreesa. Afuura Kiristootin Yaa isan muudan; haga hafuurii sun isan waliin jiru, nama isan barsiisu hinfeettan. Hafuurii waan cufa isan barsiisa, wantii innii isan barsiisuu waan dhugaati, dharaaniti. Barsiisa hafuuraa caqassaa, karaa Kiristoo keessa jiraadhaa. Ee, ijoollee tiyya, akka guyyaa Kiristoon mullate, nu hinceeree ammoo akka sodaa malee jabaannee dhaabannu, karaa Kiristoo keessa taa'aa! Isan yo akka Kiristoon qajeellaa beettanii, akka namii waan qajeelaa hojjatu cuftii ijoollee Waaqaa inbeettan. Haga Abbaan nu jaalate mee ilaalaa! Jaalaltii isaa waan guddoo, jaalala tanaaf ijoollee isaa jedhanii, nu yaamani; dhugumaa nu ijollee isaati. Wantii namii lafaa nu hinbeenneef waan Waaqaallee hinbeenneef. Jaallan tiyya, nu amma ijoollee Waaqaati, ammoo ammallee waan itti yaanu akka dansaa hinbeennu. Ammoo waan kana inbeenna: yo Kiristoon mullatee, waan akka innii jiru arginuuf nu akka isaa taana. Namii abdii tana Kiristoo keessaa qabu cuftii akkuma innii qulqulloo ufiillee qulqullaa. Namii cubbuu hojjatu cuftii yaayyu seera Waaqaa cabse, wantii akkanaatiif cubbuu hojjachuun seera dhaba. Akka Kiristoon cubbuu cufa fudhachuu dhufe isan inbeettan, ammoo cubbuun isa keessa hinjirtu. Tanaaf namii Kiristoo keessa taa'u cuftii cubbuu hinhojjatu; ammoo namii cubbuu hojjachuma hojjatu takka isa hingarre yokaan isa hinbeenne. Ijoollee, namii tokkoolleen isan hinsobin! Akkuma Kiristoon qajeelaa, namii waan qajeelaa hojjatuulleen qajeelaa. Waan sheexanii haguma duriitii jalqabee cubbuu hojjatuufii, namii waan cubbuu hojjatu ka sheexanaati. Ilmii Waaqaa akka hujii Sheexanaa balleessuuf dhufe. Namii ijoollee Waaqaa ta'ee cuftii, waan ijoollee Waaqaa ta'eef, danda'ee cubbuu hinhojjatu, ammallee waan ijoollee Waaqaa ta'ee sanyiin Waaqaa jabeenna kennufiif, cubbuu keessa taa'u hindanda'u. Mar. roo waan kanaatiif ijoolleen Waaqaatii fi ijoolleen Sheexanaa gargarii gorti; namii dhugaa hintolchine yokaan ka obbolleessa ufii hinjaalanne cuftii ka Waaqaatiiniti. Dhaamsii isan haguma duriitii dhageettan ka, “Nu cuftii waljaalachuu malle” jedhu kana. Akka Qaayin ta'uu hin malle; innii golii Sheexanaa ta'eetti, obboleessa ufii ijjeese. Qaayin maaf isa ijeese? Mar. roo wantii obbolleessii isaa hojjate qajeela taatee, ta innii hojjate hamtuu taateef obboleessa ufii ijjeesse. Tanaaf obboleeyyan tiyya yo, namii lafaa isan jibbe himmaminaa! Nu marroo obboleeyyan teenna jaallannuuf, akka du'a lakkimnee jireennaatti baane beenna; namii nama hinjaallanne ammoo du'a keessatti hafa. Namii obboleessa ufii jibbu ya nama ijjeese; akka namii nama ijjeesu jireenna barbaraa ufi keessa hinqamne isanuu inbeettan. Waan Kiristoon lubbuu ufii nuu keenneef jaalaltii maal akka taate la baranne. Nulleen duuba jireenna keenna obboleeyyaan teennaa baasuu malle. Namii yo horii lafa tanaa qabaatee ammallee obboleeyyan isaa ka gaargala keessaa jirtu argee ammoo garaa itti jabaatee, innii akkamiin Waaqaa jaaladha ufiin jedha? Ijoollee tiyya! Jaalaltii teenna dubbii afaanii callaa hintahiin; ammoo jaalala dhugaa ta'uu malte, ta hujii dansaan ufi mulliftu. Karaa kanaan nu akka dhugaa keessa jirru ufi beenna. Karaa kanaan Waaqaa duraatti garaa ufi jabeessina. Yo heregii keenna wallaala nutti muree nu akka Waaqii herrega keenna irra guddaa ka ammallee waan cufa beeku inbeenna. Tanaaf jaallan tiyya yo herregii keenna wallaala nutti hin murin, nu Waaqaa duraatti homaa hinsodaannu. Mar. roo seera isaa guunnee waan isa gammachiisaa tolchinuuf Nu waan kadhannu cufa isa irraa arganna. Wantii innii fedhu tana: akka nu ilma isaa Yesus Kiristoo dhugeeffanne, akka innii nutti hime waljaalannu. Namii seera Waaqaa gula yaa'uu cuftii Waaqaa keessa jiraata, Waaqiilleen isa waliin jira. Karaa kanaan akka Waaqii nu keessa jiru beenna, waan innii hafuura ufii nuu kenneef. Jaallan tiyya, nama, “Anin hafuura Waaqaa qaba” jedhu cufa hindhugeeffatiinaa, ammoo akka hafuurii sun gara Waaqaatti dhufe gargarii hubbadhaa. Wantii akkanaatiif raagii dharaa hedduun ya lafa dhufe. Karaa kanaan hafuura Waaqaa beettan; hafuurii, “Yesus Kiristoon nama ta'e” jedhu cuftii gara Waaqaatii dhufe. Hafuurii ammoo akka Yesus nama ta'ee gara Waaqaati dhufee mormu gara Waaqaatii hindhumne. Hafuurii kunin gara nyaapha Kiristootii dhufe; akka innii dhufu ya dhageettan, ammumaa ya dhufee lafa jira. Ijoollee tiyya! Isan ka Waaqaati, raagoota dharaa ya dabsattan; wantii akkanaatiif hafuurii isan keessa jiru ka warra lafa keessa jiruu irra jabaa. Warrii warra lafaati, waan lafaa dubbata; marroo tanaaf lafti warra caqafti. Nu ammoo ka Waaqaati. Namii Waaqaa beeku cuftii nu caqasa; ka Waaqaa hinbeenne ammoo nu hincaqasu. Karaa kanaan hafuura dhugatii fi hafuura dharaallee gargarii beenna. Jaallaan tiyya, waan jaalaltii gara Waaqaatii dhuftuuf waljaalannaa. Namii jaalala qabu cuftii ijoollee Waaqaati, Waaqaallee inbeeka. Waan Waaqii jaalalatiif, namii jaalala hinqamne Waaqaa hinbeeku. Waaqii karaa kanaan jaalala ufii nu garsiise: innii Ilma ufii tokkocha lafaatti ergee, akka nu isaanii jireenna argannu. Nu Waaqaa hinjaalanne; innii ammoo nu jaalateetti akka marroo hujii isaatiif cubbuu teenna nuu araaraman ilma ufii nuu erge. Jaalala jechuun tana. Jaallan tiyya, yo Waaqii hagana nu jaalate, nulleen walii jaalachuu malle. Namii takka Waaqaa arge hinjiru; yo nu waljaalanne Waaqii nu keessa jira, jaalaltii isaa nu keessatti qixoofti. Karaa kanaan akka dhuguma Waaqaa keessa jiru ammallee akka Waaqii nu keessa jiru beenna; innii ya hafuura ufii nuu kenne. Ammallee nu ya garre akka Abbaan ilma ufii akka in baafama lafaa ta'uu ergee, biyyaalletti inodeessina. Nama, Yesus Ilma Waaqaa jedhu cufa Waaqii isa keessa taa, inniilleen Waaqaa keessa taa. Jaalala Waaqii nuu qabu nu inbeenna, ammallee indhugeeffannaalle. Waaqii jaalala, namii jaalalaan taa'u cuftii Waaqaa keessa ta'a Waaqilleen isa keessa taa'a. Mar. roo waan kanaatiif jaalaltii nuu qixoofti, akka nu Guyyaa murtii homaa hinsodaanne, marroo jireennii keenna lafa tana keessatti akka ka Kiristoo jiruuf. Jaalala keessa sodaan hinjirtu; jaalalti dhugaa sodaa balleessiti. Tanaaf nama sodaa qabu keessatti jaalaltii hinqixoomne, waan sodaan muraa yakkaa qabduuf. Wantii nu jaalannuuf, Waaqaatti qaraa nu jaalate. Namii yo, “Anin Waaqaa jaaladha ufiin” jedhee, ammoo obboleessa ufii jibbee kiyyiba. Innii danda'ee Waaqaa ka ilaan hingarre hinjaalatu, eegii obboleessa ufi ka ilaan arguu hinjaalanne. Tanaaf seerii Kiristoon nuu kenne kana; namii Waaqaa jaalatu obboleeyyan ufiillee jaalachuu male. Namii akka Yesus Kiristoo ta'e dhugeffatu cuftii ijoollee Waaqaa; namii abbaa jaalatu cuftii ilma isaallee injaalata. Karaa kanaan akka nu ijoollee Waaqaa jaalannu beenna: yo Waaqaa jaalannee seera isaa guunna. Jaalaltii Waaqaa akka seera isaa guunnu. Seerii isaalleen nama hindhibu, waan ijoolleen Waaqaa cuftii lafa dabsachuu dandeetuuf. Dhugeeffachaa teennaan lafa dabsanna. Nama akka Yesus ilma Waaqaa dhugeeffatu malee, eentu danda'ee lafa dabsata? Yesus Kiristoon dhiigaa fi bisaaniin dhufe. Innii bisaan callaan hindhumnee, ammoo bisaanii fi dhiigaan dhufe. Mar. roo Hafuurii dhugaatiif, akka wantii kuniin dhugaa Hafuuriilleen ya hime. Wa sadiitti dhugaa hima, wanni sun sadeen, Hafuuraa, bisaanii fi dhiiga. Wanni sadeenuu waan takkaa dubbatti. Nu dhugaa namii dubbatuu indhugeeffannaa, ta Waaqii jedhu ammoo hagasi irra jabduu, ammallee innii dhugaan waan Ilma ufii ya dhugeesse. Namii Ilma Waaqaa dhugeeffatu cuftii dhugaa tana garaa ufi keessa qaba; namii ammoo Waaqaa hindhugeeffanne, marroo innii waan Waaqii Ilma ufiiti dhugeesse dhugeeffachuu dideef ya Waaqaa kiyyibaa tolche. Waaqii ya jireenna hegerii nuu kenne, jireennii kuniin Ilma isaa keessa jiraa, dhugaalleen tana. Namii Ilma Waaqaa qabu cuftii jireenna kana inqaba; namii Ilma Waaqaa hinqamne jireennaallee hinqabu. Wantii anin waan kana isanii barreessuuf, akka isan warrii ilma Waaqaa dhugeeffatu, akka jireenna barbaraa qabdan hubattan. Mar. roo waan kanaatiif nu fuula Waaqaa duraatti hinsodaannu; nu akka Waaqii waan nu feennu cufa, yo nu akka feedhii isaa gula kadhane nuu kennu abdii qamna. Yo nu isa yaammannu cufa innii nuu dhaga'a; marroo nu akka wantii kuniin dhugaa beennuuf, nu akka innii waan nu kadhannu nuu kennu inbeenna. Namii yo obboleessa ufi ka cubbuu du'aan hin gennee hojjatu argee, ha Waaqaa jirenna isa kennuu kadhatuuf. Wantii kunin waan nama cubbuu du'aan nama hingenne hojjatee dubbatti. Ammoo cubbuun du'aan nama gettu injirti, anin marroo cubbuu tana Waaqaa kadhadhaa isaniin hinjedhu. Wallaalii cuftii cubbuu, ammoo cubbuun du'aan nama hingennee injirti. Nu akka ijoolleen Waaqaa yo cufa cubbuu inhojjanne inbeenna; wantii akkanaatiif akka hamaan kaan danda'ee homaa hintolchinee, Ilma Waaqaatti isii qorqorata. Nu akka ka Waaqaa taane, ammoo akka laftii cuftii harkaa hamaa Kaanii keessa jirtu inbeenna. Ammallee nu akka Ilmii Waaqaa dhufee hubachaa nuu kenne inbeenna, akkasiin Waaqaa Waaqaa dhugaa ta'e beenna, Ilma isaa Yesus Kiristoo keessan nu Waaqaa dhugaa keessa jirra, Waaqii dhugaa kanaa, jireennii hegeriilleen kana. Ijoollee tiyya, waaqoota dharaa lagadhaa! Anin Jaarsii, gara Jaartii Waaqii foohateetii fi ijoollee isii ta ani guddoo jaaladhuu barreessa. Ani callaan isan hinjaaladhuu, namii dhugaa beeku cuftii isan jaalata. Wantii akkanaatiif dhugaan nu keessa jirti, ammallee haga hegerii nu waliin teeti. Aabboo Waaqaa fi Yesus Kiristoon, Ilmii Aabboo, eebba, naasuu fi nagaya nuu kenninnaa; wantii kunin cuftii ha dhugaa fi jaalalaan teenna taatu. Anin akka ijoolleen tantee ta garii dhugaa keessa teettu arginaan, akkuma Abboo Waaqii nutti hime guddoo gammade. Tanaaf anin akka, nuun cuftii waljaalannu si kadhadhaa, Seerii anin sii barreessu kunin haareessaaniti; seeruma haga duriiti harkaa qamnu. Jaalaltii anin waan isii dubbadhu tunin, “Seera Waaqaa guutuu maltan” nuun jetti. Seerii isan haguma duriitii dhageettan, ka “Waljaaladhaa!” jedhu kana. Namii nama wallalchisu hedduun ka “Yesus Kiristoon nama ta'ee hindhumne” jedhu, ya lafa dhufee namii akkanaa kunin nama dharaati, innii nyaapha Kiristooti. Akka waan hojjattanii argattan hinballeesine, uf eegadhaa; galata keessan ammoo akka dansaa argattan. Namii barsiisa Kiristoo keessa hinteenne, biraa dabruu, Waaqaa hinqabu. Namii barsiisa sun keessa taa'u Abbaa fi Ilmaallee inqaba. Yo namii dhufe barsiisa kanaan sitti hindhumne, nama sunii balbala mana keetii duraa hinbaniin; nagayaallee hinfuudhin. Wantii akkanaatiif namii nagaa isa fuudhu cuftii waan hamtuu innii tolchu isa waliin qoodata. Anin waan hedduu ka sitti himu qaba, ammoo waraqata ergaa irraatti barreessuu hinfedhu; akka dhufee isaniin haasa'ee, nuun cuftii gammanu la herrege. Ijoolleen obboleetti tantee ta Waaqii foohatee, nagaa sii dhaamti. Anin jaarsii, Gaayoos ka guddoo jaaladhuutti barreessa. Jaala kiyya, anin akkuma lubbun tantee fayyaa, akka nafii keetiilleen fayyaa ta'ee atin nagayaan teettu, Waaqaa sii kadhadhaa. Obboleeyyan takka dhuftee akka atin akkuma durii dhugaa keessa jirtu natti himtee, anin guddoo gammade. Wantii ijoollee tiyya ta dhugaa keessa teettu irra na gamachiisaa hinjirtu. Jaala kiyya yo obboleeyyan qarqaartu, adoo warri keessumma taateellee, waan guddoo dansaa tolchita. Jaalala tantee ya gumii armaatti haasa'an. Akka imaltuun warraa karaa Waaqii fedhuun toltu warra qarqaari. Warrii ka'eetti ka qarqaarsa nama hindhugeefatiniillee irraa hinfeenee, hujii Kiristoo tolchuuf imaltuu dhaqe. Nu'uun Kiristaanaa akka hujii dhugaa warra waliin qoodannu jara kana qarqaaruu malle. Anin Ergaa diqqoo takka gara gumii barreesse, ammoo namichii “Diyootree” jedhan ka guddaa warra ta'uu fedhu, dubbii tiyya homaattuu hindare. Anin yo dhufee, waan hamtuu innii tolchee fi kiyyiba innii dubbateellee cufaa diidaatti baasa. Wantii kun ammoo isa hingeennee innii yo obboleeyyan dhufte warra hinkeessummessu, ammallee jara warra Keessummeessu fedhuullee dhowweetti gumii keessa baasuu fedha. Jaala kiyya waan hamtuu gula hindeemin, waan dansaa gula deemi. Namii waan dansaa tolchu cufti ka Waaqaati; ka waan hamtuu tolchu Waaqaa hingarre. Nami cuftii waan Demeexros dansaa dubbata; dhugaalleen waan isaa dansaa dubbati. Nulleen dhugaa teenna itti darraa, atuu akka wantii nu jenne dhugaa inbeetta. Anin waan hedduu sitti himuu malee, ammoo waraqata ergaa irraatti barreessuu hinfedhu. Akka dhi'oottuu si argu la herregee gaafasi walhaasomna. Nagaa keessa taa'i. Jaallan tantee cuftii nagaa dhaamti. Jaallaan teenna cufa nagaa itti naa himi. Maqaan kiyya Yihuda, ka hojjattuu Yesus Kiristoosiitii fi obboleessa Yaaqoob; ergaa tana gara warra Waaqii yaamee, ka jaalala Aabboo Waaqaa keessa taa'uu fi ka eegumsa Yesus Kiristoos jala jiruu barreessa. Naasuu, nagayaa fi jaalalti isanii ha heddattuu! Jaallan tiyya, anin akka waan baafamaa nuun cuftii waliin qamnuu, guddoo isanii barreessuu herrege; duuba ergaa tanaa ya isanii barreesse; akka isan jabaattanii, dhugeeffachaa Waaqii gumii isaa cufaa marroo tokkoo kenne jabeessitanii badii dhowwitan. Wantii akkanaatiif, namii garii ka Waaqaa hin beennee, adoo nu hin beekinuu akka dharraa ufii guutatuu ya jidduu teenna duude; dubbii eebba Waaqaa garagalchee Yesus Kiristoo Aabboo keenna tokkochaallee dide. Dubbiin ragaa ta durii barreessan qulqulloon qorsummaa warrii sun argatu himti. Anin adoo isan waan kana akka dansaa beettanillee, akka Aabboon gosa Israa'elii lafa Misirii keessaa baasee, ammoo eegii sunii warra isa hin dhugeeffatin cufaa balleessee isan qaabsisuu fedha. Ergamtoota Waaqaa ta fulaa ufii lakkiftee fulaa isii hin malin yaate qaabadhaa! Waaqii warra ya haga jiruu jireennaa haada sibiilatiin dukkana lafa jalaa keessatti hidhee; akka guyyaa jabaa wallaala itti muran eegatu. Akkuma sun warra Sodoomii, Gomoraa fi dira lafa sunii cufaa qaabadhaa! Warrii dira sunii shaarmuxoomaa fi hammeenna takka hin argin gula yaa'ee; gaargala ibiddaa argate; akka akkasiin nama cufaa gorsa taatu. Warrii Waaqaa hin beenne ka oobjuu gula yaa'ee nafa ufii balleessee, jabeenna Waaqaa tuffatee, guddinna gubba ka jabeenna qabu arrabsee kuniilleen akkasuma taha. Mikaa'el, guddaan ergamtootaayyuu gaafa reeffa Muusee irraatti sheexanaan walmormee, sheexana hin arrabsinee “Aabboon Waaqii siin dheekkaminnaa been” jedheen. Warrii kun ammoo waan hubachuu dadhabe cufaa hin abaara; ammallee wantii warrii akka bineensa wa suufee beekuu waan warra balleessaa callaa. Gaargala warraatii! Warrii karaa Qaayin deeme gula yaa'e, akkuma bala'aam marroo horiitiif wallaala gula badanii; ya akkuma Qoraahiin mormee lole lolanii ufi balleessan. Ammallee warrii farsoo dhugee ceeraa fokkoo dhabee jila teessan ta jaalalaallee isan dura xureessaa. Warrii uf callaa qorqorata; warrii akka duumansa bokkaa hinqamnee, ka bubbeen dhooftee jira; muka caamsaa ka midhaan hin baamnee ka buqqisanii gogee fakkaata. Akkuma dhawaan galaanaa yo wal dhooftu hoomachii gubbaa mullatuu, hujiin warraa hamtuulleen akkuma hoomacha sunii mullatti. Warrii akka urjii ceetuu jira; Waaaqii ya dukkana siphee ta haga jiruu jireennaa kessa taa'an warraa midhaasse. Henook dhaloota Addaam irraa qabee ka nama torbeessoo, waan warraa fagee, “Ilaalaa, Aabboon akka nama cufaatti muru ergamtoota ufii qulqulloo kuunkii waliin dhufaa; akka nama Waaqaa hin beenne cufaa marroo hujii hamtuu warrii tolcheetiif, ammallee marroo dubbii hamtuu warrii Waaqaan jedhee wallaala itti muru” jedhe. Warrii kun yo cufaa waan tokkolleetti hin gammaduu hin gungumaa, fedhii mataa isaanii hamtuu gula yaa'an. Warrii waan ufii fedhu yo argatuu uf guddiseetti nama soba. Jaallan tiyya, isan ammoo waan durii jarii Aabboo keenna Yesus kiristoo isanitti himee qaabadhaa! Warrii, “Gaafa guyyaan muummee ga'ee, nama isan kobluutti dhufa, ka dharraa hamtuu ufi callaa gula yaa'u” jedhanii ya isaniitti himan. Warrii kunin Hafuura Qulqulloollee hin qabuu fedhii nafa ufi gula yaa'eetti gargarii nama baasa. Jaallaan tiyya isan ammoo dhugeeffachaa teessan qulqulloo jabeessaa gula yaa'aa! Jabeenna Hafuura Qulqullootiin Waaqaa kadhadhaa! Jaalala Waaqaa keessa taa'aa, Aabboo Yesus kiristoo ka naasuu ufiitiin jireenna hegerii isanii kennu eeggadhaa! Warra mamee herrega lama qabuu nahaa! Warra kana ka garii butaa ibiddaa keessaa baasaa! Ka garii ammoo wayaa warraa ta cubbuu foon isaaniitiin battoofteeyyuu jibbaa, sodaan garaa laafinna argisiisaa! Waaqii akka isan hin gufannee aaboo tokko malee gammada guddaan fuula ufii dura isan dhaabuu danda'a. Keennaa karaa Aabboo keenna Yesus Kiristootiin, Waaqaa tokkochaa baasaa keennaati! ulfinnaa, guddinnaa, humnaa fi jabeennii ka duriiti, ka ammaatii fi ka hegeriilleen isaa ha ta'uu, ammaa fi hegeriillee! Ee'e jenne! Tunin waan Waaqii, akka innii waan dhi'ootuu tahaa hojjatoota Waaqaa agarsiisu Yesus kiristooti mullise. Kiristoon ergamaa ufi Yoh. aannisitti ergeetti waan kana beessise. Yoh. aannis waan arge cufa ya hime. Kunin dhaamsa isaa ka waan dubbii Waaqaatii fi dhugaa Yesus Kiristoon mullise himu. Namii dubbii himanaa tana dubbisu ingammadaa, namii caqasee waan keessaatti barreessan guutuulleen gammadaa argata. Wantii akkanaatiif yo'ii wantii kun taatu ya dhihaate. Qaallolee hayyummaa Waaqaa ta abbaa isaatii hojjattuu nu tolche. Isaa guddinnaa fi jabeennii ha tahu, ammaa fi duranaallee! Ee'e jenne! Me laali, innii duumansa keessa dhufuu jiraa! Namii cuftii isa arga, jarii durii isa waraaneelleen. Gochitii lafaa cufa marroo isaatiif bootti. Ha akkasuma taatuu! Ee'e jenne! Aabboo Waaqii guddaan, “Anin Alfaa fi Omeegaa, ka amma jiru, ka duriillee jiru ammallee ka duranaallee jiru” jedha. Anin obboleessii keessan Yoh. aannis ka karaa Yesus gulaan gaargalaa, mootummaa isatii fi obsa isan waliin qoodadhu. Waan anin dubbii Waaqaatii fi dhugaa Yesus mullisee odeesseef, lafa bisaan marsan, ta “Phaaximoo” jedhan, keessa jira. Guyyaa Aabboo, Hafurii isaa na keessa seene, anin qoonqoo guddoo, akka magalataa uf duubaatti dhagaye. Isiin, “Waan argitu kana kitaaba keessatti barreessi! Gara gumii Kiristaanaa, ta Efesoon, ta Simiirnaa, ta Phergamoon, ta Tiyaatiraa, ta Saardes, ta Filaadelfiyaa, ta Laa'odiiqeyaa jirtuu torbaaniifuu ergii” jette. Jennaan anin akka qoonqoo naan dubbattu argu garagale. Gara gallaan waan fulaa ibseen hedduun irra ejaajjuu dandeettu qabaa ka warqiin midhaassan torba arge. Jidduu ibsee sunii keessa waan akka namaa jira tokkootti ejja, hubbaara dheeraa miila gahu keeyyate, qoma isaa gubbaatti wayaa warqiitti maraa qaba. Rifeensii mataa isaa akka cabbii yokaan akka haamaa addaata, iltii isaalleen akka ibiddaa bobeette; miilii isaa akka sagaa bassanii qulqulleessanii ibsee, qoonqoon isaa akkuma galaanaa yaa'u dibbifti. Innii urjii torba harka mirgichaa qaba, billaa aflammeeddaa ka garii lachuu qara qabuutti afaan isaa keessa jira. Fuulii isaa akka aduu guyyaa guddaa ibsa. Isa arginaan anin miila isatti jigee, akka waan du'ee tahe. Innii ammoo harka mirgicha narra kaayee naan, “Hinsodaatin! Ka duraatii fi ka eegeelleen anaa. Anin ka jiru! Durii la du'e amma ammoo haga hegeriillee injira. Du'aa fi jiru warra du'eelle furaan harka kiyya jira. Duuba waan argitu kana barreessi, waan amma jiraatii fi ka hegerii tahaallee. Wantii mamaa ta urjii torbaan atin mirga kiyyatti gartuu fi ta ibsee torbaaniilleen tana: urjiin torbaan sun Ergamtu gumii Waaqaa torbaani, ibseen torbaan sunilleen gumii Waaqaa torba” jedheen. Gara ergamaa gumii Efesoon, “Tunin dubbii nama urjii torba harka mirgichaa qabuu, ka jidduu ibsee warqii torbaanii dedeemuu; Akka atin guddoo hojjatte, ammallee akka atin guddoo obsiteellee, akka atin dandeettee warra cubbichaa hinobsinne, ammallee akka atin warra ‘Nu ergamtoota’ ufiin jedhuu, ka ammoo ergamotoota hintahinii laaltee, akka warrii kiyyibe agarteellee waan atin tolchite inbeeka. Akka atin obsa qabdu, maqaa kiyyaa jettee akka guddoo gaargalte, ammoo akka atin ufi jibbaachuu didde anin inbeeka. Ammoo wantii anin si quufuu dhabe, ati jaalala duri naa qabdu ya dhiifte. Akka guddoo jidde qaabadhu, cubbuu irraa deebii, waan durii hojjatte hojjadhu! Yo cubbuu irraa deebi'uu baatte, anin dhufeetti ibsee tantee fulaa isiitii fuudha. Taatuullee waan tokko goomta; sulleen hujii warra Niqoolaawotaa jedhanii akkuma anin jibbe atilleen jibbita. Namii gurra qabu, waan hafuurii qulqulloon gumiin jedhu ha dhaga'uu!” “Nama dabsatu anin midhaan mukaa jireennaa, ka oobruu Waaqaa keessatti bahu, nyaachisa” jedhii barreessi. Gara ergamaa gumii Simiirnaa, “Ergaan tunin dubbii nama qaraatii fi ka eegeeti, nama du'ee ka'e irraa dhufte” jedhii barreessi. Ergaan: “Dhiphuu fi hiyyuma tantee, dhara jarii Yihudii hintahin ka ammoo Yihudii ufiin jedhuu sun maqaa ke balleessa sitti dubbatu anin inbeeka. Atin ammoo dureessa, warrii Yihudii ufiin jedhu sun ammoo gumii Sheexanaati. Gaargala sitti dhufu hinsodaatin! Caqasi, Sheexanii isanii garii mana waankiitti naqee isan laallata; haga bultii kudhanii dhiphatanii gaargaltan. Haga dootuutti nama dhugeeffatan tahi, duuba anin eebba jireenna sii kenna” jedheen. “Namii gurra qabu, waan hafuurii qulqulloon gumiin jedhu ha dhaga'uu! namii dabsatu du'a lammeessootiin hingaargalu” jedha. “Gara ergamaa gumii Phergamoonitti” “Ergaan tun nama billaa aflameedaa ka gamii lachuu qarame qabu biraa dhufe” jedhii barreessi! Ergaan, “Anin fulaa atin teettu inbeeka, fulaa sun barcumaa guddinna Sheexanaati. Atin maqaa kiyya jabeesitee qabattee, gaafa Antiiphaas ka guddoo naa dhugeesse fulaa Sheexanii taa'uutti ijjeesaniillee, atin dhugeeffachaa na dhugeeffatte hinlakkimne. Ammoo waan diqqoo tokkoo callaa si quufuu dhabe; nama haga tokkoo ka barsiisaa Bala'aam gula yaa'uu qabda, Balaaq, ijoollee Israa'el dura gufuu kaa'e; ammallee akka sagalee waan harkaan bocanii baasan nyaatanii fi akka sharmuxooma yaa'an barsiise. Akkuma sun nama barsiisa warra Niqolaawotaa gula yaa'u qabda. Cubbuu irraa deebi'i yoos. Yokaan anin hurriseetti sitti dhufee, warra sun goraadee afaan kiyya keessa jirtuun hadhaa.” “Namii gurra qabu waan hafuurii qulqulloon gumiin jedhu ha dhaga'uu! nama dabsatuu anin sagalee maannaa jedhan ta dhossan kennaaf. Ammallee cabbii adii maqaa haareessa irratti barreessan, ka nama argatu malee namii dhibiin hinbeenne kennaaf” jedha. “Gara ergamaa gumii Tiyaatiraatti” “Ergaan tun ta Ilma Waaqaa, ka iltii akka bobaa ibiddaa bobeettuu, ka miilii isaa akka sagaa bassaani qulqulleesanii billiqu” jedhii barreessi. Ergaan, “Anin waan atin tolchitu, jaalalaa, dhugeeffachaa, hujii fi obsa kankee inbeeka. Ammallee akka hujiin tantee ta eegee ta qaraa irra jirtu inbeeka” jetti. “Ammoo wantii anin si quufuu dhabe tana; dubbii niitii Izaabel jedhanii ta ‘Anin raaga waaqaa’ ufiin jettuu obsita; isiin hojjatoota tiyya akka warrii hujii sharmuxoomaa tolchee, sagalee waan harkaan bocanii baasan nyaattu barsiiftee akkasiin balleessite. Anin akka isiin cubbuu irraa deebitu guyyaa qabeef, ammoo isiin sharmuxooma sun irraa deebi'uu didde. Tanaaf anin siree gubbaa isi buusa, yo warrii hujii isii waliin tolchu tana irraa deebi'uu baate achitti isii fi warra isii waliin shaarmuxu gaargalcha. Anin ijoollee isiillee dha'ee fixa, duuba gumiin tiyyaa cuftii akka anin herregaa fi garaa nama cufaa laalu baratti. Ammallee anin isanii cufa, hujii teessan gula, wa isanii kenna.” “Ammoo isaniin kaan warrii Tiyaatira keessaa, ka barsiisa hamtuu tana gula hin yaa'in, yokaan ka waan namii dhofaama Sheexanaa jedhuun hinbaraatin, anin bahaa dhibii isan irra hinkaa'u. Ammoo haga anin dhufutti waan harkaa qabadan sun jabeessaa! Ammallee anin bakkalcha barii warraa kenna.” “Namii gurra qabu, waan Hafuurii qulqulloon gumiin jedhu ha dhaga'uu” jedhi. “Gara ergamaa gumii Saardesitti” “Ergaan tunin ta nama hafuura Waaqaa torbaa fi urjii torba harkaa qabuuti” jedhii barreessi! Ergaan, “Anin waan atin tolchitu inbeeka; atin maqaa nama jiruu qabda, ammoo la doote. Tanaaf ka'ii, waan hafe jabeessi, adoo cuftii hindu'in. Anin akka hujiin tantee Waaqaa kiyya duratti qixxee hintahin ya arge. Barsiisa qara dhageettee fudhatte qaabadhu; jabeessii cubbuu irraa deebi'i. Yo atin dammaquu diddee, anin akka hattuu sitti dhufa, atin yo anin dhufullee hinbeettu. Ammoo isan namii garii ka saardes, wayaa teessan hinxureessine. Isan wayaa adii naqattanitti na waliin yaatan, wantii sun ya isanii malte. Nama dabsatu wayaa adii akkanaa uyyisaniif, ammallee anin maqaa isaa kitaaba jireennaa keessaa hinballeessu; Aabboo fi ergamtoota isaa duratti akka warrii nama kiyyaa diideessee hima.” “Namii gurra qabu, waan hafuurii gumiin kiristaanatin jedhu ha dhaga'uu!” jedhi. “Gara ergamaa gumii Filaadelfiyaatti” “Ergaan tun qulqullichaa fi ka dhugaa ka te'e, ka furaa Daawit harkaa qabu, ka waan innii bane namii tokkolleen cufuu hindandeennee, ka ammallee waan innii cufe namii tokkolleen banuu hindandeenee sun biraa dhufte” jedhan. Ergaan, “Anin waan atin tolchitu inbeeka; akka atin ka guddoo jabeenna hinqamne barsiisa tiyya gula deemtee maqaa kiyya hinmormatin inbeeka. Anin ya balbala namii tokkolleen danda'ee hincumne sii bane. Caqasi! Gumii Sheexanaa ta kiyyibdee gosa Yihudii ufiin jettu sun, anin si duratti jissee, akka warrii si guddisu tolcha. Warrii cuftii akka anin si jaaladhu inbeeka. Waan atin akka anin obsi siin jedhe obsiteef, anin gaargala lafa cufaatti dhufee nama lafa cufaa laallatu duraa si baasa. Anin dhi'oottuu dhufaa, waan harkaa qabdu jabeessi, akka namii tokkolleen waan atin dabsattee argattu sirraa hinfudhanne. Nama dabsatu anin utubaa Mana Waaqaa kiyyaa tolcha, innii haga jiruu keessaa hinbahu. Maqaa Waaqaa kiyyaatii fi maqaa dira Waaqaa kiyyaallee, Yerusaalem haareetti, ta gubbaa fulaa Waaqaa kiyyaati baatu, isa irratti barreessa. Anilleen maqaa kiyya haaraa irratti barreefadha.” “Namii gurra qabu, waan hafuurii gumii kiristaanatin jedhu ha dhaga'uu!” jedhi. “Gara ergamaa gumii Laa'odiiqeyaatti” “Ergaan tun ta ‘Ee'e jenne’ jedhu, innii ka dhugeeffatanii fi ka dhugaati, Waaqii waan cufa isaan uume.” Ergaan, “Anin waan atin tolchite cufa inbeeka; akka atin hinoowwinne yokaan hinqabbanoomne inbeeka. Yo silaa atin tokko gula baate guddoo fedha. Atin ammoo diqquma tokko bulluxxa, waan ati oowwaa yokaan qabbana'aa hin ta'iniif, anin afaan keessaa si buufachuu fedha.” “Atin, ‘Anin dureessa, waan cufa inqaba’ ufiin jettaa, akka gaargalaa fi dhiphuu qabdu ufi hingartu. Atin hiyyeessa, qullaa deemta, lafa hingartu. Tanaaf anin si gorsaa, akka dureessa taatu Warqii qulqulloo ibidaan laalamte, akka uyyifattee qullaa tantee dhossitu wayaa adii, akka lafa gartu qorsa ilaallee naraa bitaadhi. Ani nama jaaladhu cufaa loletti harkaan gahaa, jabaadhii dabaa ke irraa debi'i. Caqasi! Anin balbala dura ejjeetti dhadha'uutti jiraa; yo namii qoonqoo tiyya dhagayee naa banee, anin itti olseeneetti isa waliin nyaadha, inniilleen na waliin nyaata. Akkuma anin dabsadhee amma Aabboo waliin barcumaa isaa ka guddinnaa irra taa'u, nama dabsatu anin barcumaa kiyya ka guddinnaa irra teessisa.” “Namii gurra qabu, waan hafuurii gumiin kiristaanatin jedhu ha dhaga'uu” jedhi. Anin Eegii waan kana milladhee, balbala gubbaa ta banamte arge. Qoonqoon akka magalataa jirtu ta qaraa isiin naan dubbannaan dhaga'e tokkoo, “Garana ol kootti, waan eegii tanaa tahaa si garsiisaa” jette. Yoma tokkoon Hafuurii qulqulloon Waaqaa na seenee, olmillannaan barcumaa guddinnaa tokko ka namii irra taa'u gubbaatti arge. Fuulii nama barcumaa sun irra taa'uulleen akkuma dhakaa daalachaa fi diimaa ibse; ammallee dhawattuu barcumaa sunii ulee Waaqaa, ta waan dottaattu fakkaattutti jira. Dhawattuu barcumaa sunii barcumaa diddamii afurii dhibiitti jira, ammallee barcumaa sun gubbaa jaarrollee diddamii afurii, ta wayaa adii uyifattee surree hayyumaa ta warqii maratteeti jira. Barcumaa guddinnaa sun keessaa hangaasuu, iyyannaa fi mandiisuun baate. Ammallee barcumaa duraalle ibsee torba ta ibidaatti bobaa; tunin hafuura Waaqaa torban. Barcumaa sun duraalle waan akka galaana Daawitii ka bibiliqaatti jira. Ammallee dhaattuu barcumaa sunii, gama cufa waan lubbuu qabaa afuriitti jira; ka ila hedduu duraa-duubaallee qabdu. Wantii qaraa ka lubbuu qabaa sun nyeenca fakkaatti; ka lammeessoo yabbiyyee loonii fakkaatti; ka sadeessoo fuula akka fuula namaa jiru qabdi; ka afreessoo risaa barrisu fakkaatti. Wantii lubbuu qabaa sun cuftii koola jaha jaha qabdi; alaa fi keessaallee ila qabdi; halkanii guyyaa adoo hafuuraa hinbaafannee, “Aabboo Waaqii guddaan ka waan cufaa danda'u, ka duriillee jiru, ka ammallee jiru, ka duranaallee jiru qulqulloo, qulqulloo, qulqulloo” jettee, Waaqaa faarsiti. Yo wantii Lubbuu qabaa afraan sirba guddinnaa, ka ulfinnatii fi ka galataa nama barcumaa guddinnaa gubbaa taa'u, ka haga hegerii taa'uu sirbitu, jaarrolleen diddamii afurii taan nama barcumaa guddinnaa gubbaa taa'u kaan duraatti jiddeetti isa guddifti. Surree hayyumaa taan isa duraatti jissaniitti faarsan. Yoos, “Aabboo fi Waaqaa keenna! Atin Guddinna, ulfinnaa fi jabeenna argachuu malte. Atin waan cufa uumtee, fedhii teetiin wantii cuftii uumamtee, jireenna argatte” jedhan. Anin harka mirgiicha nama barcumaa guddinnaa gubbaa taa'uu kaan keessatti waraqata tokko ka duraa fi duubaallee barreessan, ka beessisa torbaan cufan arge. Ergamaa guddaa tokko ka qoonqoo guddoon, “Eentu beessisa cabsee waraqata kana banuu male?” jedhu dhagaye. Ammoo gubbaa, lafaa fi lafa jalaa keessaalleetti nama tokkollee ka dandaye waraqata sun banee keessa laalu dhaban. Waan nama tokkollee ka dandaye waraqata sun banee keessa laalu dhabaniif anin guddoo boohe. Jaarsii tokko, “Hinboohiinii, laali! Nyeencii gosa Yihudaa, ka dhaloota Daawit, keessaa ka'ee ya dabsate, innii beessisa torbaan cabse waraqata banuu indandaa” naan jedhe. Jennaan anin elemoo hoolaa ka waan ijjeessan fakkaatu, ka waan lubbuu qabaa afraanii fi jaarrolleen marsite, ka jidduu barcumaa guddinnaa ejju arge. Elemoon holaa gaafa torbaa fi ila torba qaba; warrii torbaan sulleen hafuura Waaqaa torbaan ka lafa cufatti ergan. Elemoon Hoolaa kaan dhaqeetti nama barcumaa guddinnaa gubbaa taa'uu harka mirgaa keessaa waraqata fuudhe. Innni akkasi tolchinaan wantii lubbuu qabaa afraan kaanii fi jaarrolleen diddamii afurii taan elemoo hoolaa duratti jidde. Warrii cuftii kiraaraa fi qorii hixaanaa ta kadhachaa gumii Waaqaa harka qaba. Sirba haaraa sirbanii, “Atin waraqata fudhattee beessisa isaa cabsuun la sii malte. Wantii akkanaatiif si ijeessan, atin du'a teetiin gosa cufa, afaan cufaa, nama cufaa fi lafa cufa keessaa nama Waaqaa bitte. Atin ya akka Waaqaa keennaa hojjatanii lafa fidan, hayyootaa fi qaallollee warra tolchite.” Anin ammallee millannaan ergamtoota kuma hedduu dhagaye, ta akka kuma kuma! Barcumaa guddinnaatii fi waan Lubbuu qabaa afraanii fi jaarroljee marsitee, qoonqoo guddoon sirbitee: “Eleemoon Hoolaa ka qalan, irree, durooma, qarooma, jabeenna, ulfinna, guddinnaa fi faaruu argachuu malte” jette. Jennaan anin waan gubbaa jiraa, ka lafa jiraa, ka lafa jala jiraatii fi ka bisaan keessa jiraallee waan lafa tana keessa jiraa cufa ka, “Faaruunii, guddinnii, ulfinnaa fi jabeennii haga jiruu jireennaallee, nama barcumaa guddinnaa gubbaa taa'uu sunii fi Eleemoo holaatii ha ta'uu!” jedhee sirbaa dhagaye. Wantii Lubbuu qabaa afraan kaaniilleen, “Ee'e jenne!” jettee, maanguddoon lafatti jiddee Waaqaa sagadde. Jennaan anin elemoo hoolaa adoo inni beessisa torbaan keessaa tokko bannuutti jiruu argee, waan lubbuu qabaa afran keessaallee tokko ta qoonqoo akka mandisutiin, “kootti” jettu dhagaye. Anin millannaan farda borora tokko arge; namii isa yaabbatu xiyya harkaa qaba; surree hayyummaa kennaniif. Innii ka waan cufa dabsatu ta'ee dabsachaa gara dabsachaat deemuuf ka'ee ba'e. Eleemoon Hoolaa ammallee beessisa lammeesoo banee jennaan, anin waan lubbuu qabaa kaan ka lammeessoo ka “Kootti” naan jettu dhagaye. Fardii daamaan tokkolleen dhufe. Nama isa yaabbatu jabeenna innii waraana lafaattiin dhufu kennaniif, ammallee akka namii wal obbaasu goraadee guddoo tokko kennaniif. Eleemoon Hoolaa beessisa sadeessoo banee jennaan ammallee waan lubbuu qabaa kaan ka sadeesso ka, “Kootti” naan jettu dhagaye. Millannaan farda gurraacha tokko arge. Namii isa yaabbatu waan wa'iin kiilan harkaa qaba. Jennaan qoonqoo akka waan jidduu waan lubbuu qabaa afraniittii dhuftu fakkaattuu ta, “Dargaayyee xaasaa tokko harka afur keessa tokko gatii hujii guyyaa tokkootti, garbu Xaasaa tokkoo harka afur keessaa sadii hujii guyyaa tokkootti baas; ammoo saleeddii Ejersaatii fi daadhii wayinii hin miidhina” jedhan. Jennaan Elemoo hoolaa beessisa afreessoo banee; waan lubbuu qabaa kaan ka afreessoo ka, “Kootti” jettu dhagaye. Anin millannaan farda boora tokko arge; ka isa irra taa'u maqaan isaa, “Du'a” Fulaan ekeraan teetuulleen isa gula deemti. Jabeenna akka warri nama lafa tanaa harka afur keessaa tokko goraadeen, beelaan, dhukubaa fi bineensa alaatiin fixu irree kennaniif. Jennaan elemoon Hoolaa beessisa shaneessoo banee waan sooriyyoo irratti qalan jalaatti, anin lubbuu warra marroo dubbii Waaqaa dubbattee isa dhugeesseef, ijjeesani arge. Warrii Qoonqoo guddoon iyyee, “Waaqaa guddaa, qulqulloo fi ka dhugaa! Atin yoom warra lafaa wallaala itti murtee, waan warrii nu ijeeseef warra gaargalchita?” jedhan. Nama cufa wayaa adii kennaniif, “Diqqoo tokko boqodhaa!” jedhaniin, haga hennii obbolleeyyaan teessanii fi nama isan waliin hojjatu, ka akkuma isan ijjeessan ijjeessan guutamutti. Jennaan anin elemoo hoolaa ka beesisa jaheessoo banu arge. Laftii guddoo chochootee, aduun akka hagoggoo guraattoftee, jihii akka dhiigaa diimate; Hurjiin cuftii akka midhaan odaa ka bubbeen dhooftee lafatti harcaaftuu, gubbaa lafaatti gadi harcaate. Gubbaan akka waraqata dachaasanii baddee, gaara fi laftii jidduu bisaan keessa jirtu cufti fulaa ufiittii deemte. Jennaan hayyootii lafaa, jarii lafa fidu, warri warraanaa gugurdaa, dureeyyiin, warra jajjabaan, namii cuftii, tissee fi balchaalleen, goda gaara jalaatti deemtee dhokatte. Gaarreenii fi dhakaayyee yaammatanii, “Nurratti jigaa, ila nama barcuma hayyummaa gubbaa taa'uu sunii fi dallansuu elemoo hoolaa duraa nu dhossaa! Guyyaan dallansuu guddaan ya dhufee, eentu dandaa'ee dura ejja ree?” jedhan. Eegii waan kanaa anin ergamtoota afur ta qota lafaa afraan ejaajitee, akka bubbeen tokkolleen lafaa fi galaana yokhaan mukhaatti hinbubimne bubbee afraan lafa irraa dhowwitu arge. Anin ergmaa tokko ka Waaqaa jiraataa biraa beesisa fudhatee gara ilaboruutii dhufuu jiru arge. Innii qoonqoo guddoon ergamtoota afraan ta Waaqii jabeenna lafaa fi galaanaan balleesitu kenneef taan yaamee, “Haga nu hojjatoota Waaqaa keennaa beessisa adda gubbaa keennutti lafa, galaanaa fi mukha hintuqinaa” warraan jedhe. Jennaan henna nama beesisa Waaqaa addaa gubbaa qabuu natti himan; gosa Israa'el cufa keessaa nama kuma dhibba tokkoo fi afurtamii afurii. Gochitii Yahudaa kuma kudhanii lamaati, namii beesisa qabu; gochi Ruuben kuma kudhanii lamaati; gochitii Gaadi kuma kudhanii lamaati; Gochitii Asheer kuma kudhanii lamaati; gochitii Niftaalem kuma kudhanii lamaati; gochitii Minaasee kuma kudhanii lamaati; Gochitii Shimi'oon kuma kudhanii lamaati; gochiti Lewwii kuma kudhanii lamaati; gochiti Yisaakor kuma kudhanii lamaati; Gochiti Zebuloon kuma kudhanii lamaati; gochiti Yoseef kuma kudhanii lamaati, gochiti Beniyaamin kuma kudhanii lamaati. Eegii sun laallaan gumii namaa guddoo arge; namii tokkolleen danda'ee nama sun cufa hinhedu! Gumiin sun lafa cufa, gosa cufa, afaan cufa keessaa dhufte, barcumaa guddaa fi elemoo hoolaa dura wayaa adaadii uyyifatte, damee meexxii harkaatti qabatte ejaajitu. “Baafamii gara Waaqaa keennaa, ka barcumaa guddinnaa gubbaa taa'uuf gara elemoo hoolaa” jedhani qoonqoo guddoon iyyan. Eergamtootii cufti barcumaa guddinnaa, jaarroollee fi waan lubbuu qabaa afraan kaan marsitee, barcuma guddinnaa duratti jiddee Waaqaa wayyoomsite. “Ee'e jenne! Faaruun, guddinnii, qaroomii, galatii, ulfinnii, jabeennaa fi humnitii ta Waaqaa keennaati, ammaa fi haga jiruu jireennaallee! Ee'e jenne” jedhan. Jaarsii tokko, “Warrii wayaa adaadii qabu sun eennu? Warrii eessaa dhufe?” jedheetti na gaafate. Anin ammoo, “Ani hinbeeku, sitti beekaa” jedheetti deebiseef. Innii, “Kunin warra nagayaan gaargala jalaa bahe. Warrii wayaa miicatee dhiiga Hoolatiin adeeffate. Mar. roo waan kanaatiif halkanii guyyaa barcumaa Waaqaa dura ejaajjanii Mana Waaqaa keessatti isaa hojjatan. Nama barcumaa gubbaa taa'u sunitti warra waliin taa'ee warra qorqorata. Itti deebi'anii hindheebotan yokaan hinbeelaan; aduu fi wantii oowwaa tokkolleen warra hingubdu; wantii akkanatiif elemoon Hoolaa ka jidduu barcumaa guddinnaa jiruu warraa tissee, gara bisaan jireenna geessa; duuba Waaqii imimaan cufa ila warraa irraa haaqa” naan jedhe. Elemoon hoolaa beessisa torbeessoo bannaan haga wadhakkaa saa'ati wantii cuftii gubbaa caqali jette callifte. Jennaan anin ergamtoota torbaan ta fuula Waaqaa dura ejaajjitu arge; magalata torba warraa kennan. Ergamaan eelee hixaanaa ta warqii harkaa qabu dhufee, fulaa waan sooriyyoo irraatti qalanii ejje. Hixaana hedduu itti kennan, akka innii kadhachaa warra Waaqaatti daree ammallee waan sooriyyoo irratti qalan ta warqii ta barcumaa guddinnaa dura ejjitu dura kaa'u. Aarii hixaana aarsanii kadhachaa warra qulqulloo waliin harka ergamaa sun keessaa gara fuula Waaqaa olka'e. Jennaan ergamaan waan hixaana itti aarsan sun fuudhee, ibidda fulaa waan sooriyoo irratti qalanii sunii guutee lafatti gadi darbate; Mandiisuu fi iyyanti lafaa dhuftee, gubbaan angaatee, lafti chochoote. Jennaan ergamtootii torbaan ta magalata torba harkaa qabdu magalata dha'uuf kuurfeeffatte. Ergamaan qaraa magalata ufii dha'ee. Bokkaa dhakaan roobuu fi ibiddii dhiigaan walitti makhame lafatti jigee, laftiilleen harka saddii keessaa harkii tokko ingubate; mukhiilleen harka sadii keessaa harkii tokko ingubate; marrii dotiilleen cuftii ingubate. Jennaan ergmaan lammeessoo magalata ufii dha'e. Waan guddoo gaara guddaa ibiddii irraa boba'u fakkaatu galaana keessaatti darbate. Bisaan galaanaa harka sadii keessaa harkii tokko dhiiga ta'e. Wanti lubbuu qabaa ka galanaa keessa jiraataalleen harka sadii keessaa harkii tokko inraawwate; hoboloolleen harka sadii keessaa harkii tokko inbadde. Jennaan ergamaan sadeessoo magalata ufii dha'e. Urjiin guddoon, akka ibsee bobeettu gubbaa gadi dhaqatte, bisaan yaa'uu fi maddoollee bisaanii harka sadii keessaa harka tokko irra buute. Maqaan urjii sunii “Hargeessa” jedhan; bisaalleen harka sadii keessaa harkii tokkoo gara hadhaa jijjiiramanii, waan bisaan guddoo hadhaa'aniif namii hedduun bisaan sun dhugeelleen inraawwate. Jennaan ergamaan afreessoo magalata ufi dha'e. Aduun harka sadii keessaa harkii tokko, jihiilleen harka sadii keessaa harkii tokko, hurjiilleen harka sadii keessaa harkii tokko ifii isaniilleen harka sadii keessaa harkii tokko akkuma dukkanaa'eetti dhaame. Duuba akkanaan ifii guyyaa harka sadii keessaa harkii tokko, ifii halkaniilleen akkasuma harka sadii keessaa harkii tokko hinibsine. Anin millannaan risaa fagoo Waaqaa gubbaa barrisu tokko argee, ka qoonqoo guddoon iyyee, “Waan ergamtootii sadeen taan magalata ufii dhooftuuf warra lafa irra jiraatuuf, gaargala! Gaargala! Gaargala guddaa” jedhu dhagaye. Jennaan ergamaan shaneessoo magalata ufi dha'e. Anin hurjii Waaqaa gubbaa lafa buute tokko arge; hurjiillee furaa boolla gad qilee ta lafa jalaa itti kennan. Hurjiin taan boolla gad qilee ta lafa jalaa taan bantee, aarii akka aara boolla ibidda guddaa keessaa yaa'e. Mar. roo aara sunitiif aduu fi laftiilleen dukkanoofte. Awwaannisii aara kaan keessaa lafatti baafatee, jabeenna akka qaanjibbuu kennaniif. Awwannisaan, “Buuyyoo, mukaa fi waan dottaataa tokkollee hintuqiinaa, ammoo nama beessisa Waaqaa adda irraa hinqamne miidhaa” jedhaniin. Awwaannisaan, “Nama hinijjeesiinaa, ammoo haga jiha shanii cufa nama gaargalchaa” jedhaniin. Awwaannisii kaan akkuma qaanjibuun yo nama ciniintu nama dhukkubsitu nama dhukkubsa. Jiha shanaan sun jarii sunin du'a barbaada, ammoo hinargatan; du'uu fedhanii, ammoo dooti warra baqatti. Awwaannisii akka fardoo lolaa kurfeeffattee jira; mataa irraa waan akka surree hayyummaa ta warqii qaba. Fuulii isaa akka fuula namaa jira. Rifeensii isaa akka rifeensa nadheenii jira, ilkaan isaa akka ilkaan nyeencaa jiran. Qomtii isaa waan akka wantee sibiilaa qabdi, iyyantii koola isaa akka girreessa gaari sibiilaa ka fardoon harkiftuu fi akka kottee fardoo lolaa oriituu jirti. Innii eegee akka qaanjibbuu ta namaan ciniinu qaba, innii eege tana keessaa jabeenna haga jiha shanii cufa namaan gaargalchan qaba. Hayyuu warra moohatu qaban; innii ergamaa boolla gad qilee sun qorqoratu. Maqaan isaa afaan Yihudiitiin “Abadoon” afaan Giriikiitiin “Apholiyon” akkas jechuun, “ka wa gad dha'u” jechuu. Gaargalii qaraa ya hobba'e; eegii waan kanaa gaargala lama dhibiitti hafe. Jennaan ergamaan jaheessoo magalata ufii dha'e. Anin qoonqoo tokko dhagaye; isiin fulaa qotaa afran waan sooriyyoo irratti qalan ta warqii ta Waaqaa dura ejituutii dhufte. Qoonqoon taan ergamaa jaheessoo ka magalata harkaa qabuun, “Ergamtoota afraan fulaa galaana Efraaxiisiitti hidhan gad lakkis!” jette. Duuba ergamtootii afraan taan akka warrii nama lafaa harka sadii keessaa harka tokko ijjeessuuf, gad lakkisan. Yo kanaa, guyyaa kanaa, jiha kanaa fi ganna kanaa warra kurfeessan. Henna nama duulaa ka fardaan yaa'u natti himnaan; milliyoon dhibba lamaati. Oobju keessa anin fardoollee fi nama isii irra tataa'u arge: warrii wante sibiilaa ta akka barbada ibiddaa diimatuu, ta akka dooqa bulee, ammallee ta akka hadhoo qomaa qaba. Mat. aan fardoolee akka mataa nyeencaa jira, afaan fardoo keessaa ibiddaa, aaraa fi dhakaa boba'aa baqee lola'utti yaa'a. Nama lafa tanaa harka sadi keessaa harki tokkoo balaa sadeen afaan fardoolee keessaa yaatu; ibidda, aaraa fi dhakaa boba'aa baqee lola'utti obbaase. Jabeennii fardoolee afaanii fi eegee isii keessa jira. Eegeen isii akka bofaa jirti, mataa qabdi, eegee tanaan nama lafaa miiti. Namii lafaatti hafe ka balaan tunin hinijjeesin kaan, waan hamtu ojjatan kaan irraa deebi'ani araara hingalle, jinnii fi waan harkaan bocan ka warqii, qarshii, saldaqaa, dhakaa fi mukhaan midhaasan, ka danda'ee lafa hingarre, ka homaa hindhageenne, ka danda'ee hindeemne, kadhachu hinlakkimne. Ijjeechaa, falfalaa tolchaan, sharmuxoomaa fi hanna tokkolle irraa hindeebine. Jennaan anin ergamaa guddaa dhibii, ka gubbaa gadi buu arge. Innii duumansa akka wayaa keeyatee, ulee Waaqaa mataatti maratee; fuulii isaa akka aduu jira, miili isaa akka utubaa ibiddaa jira. Waraqata diqqaa baniisa qabu tokko harkaa qaba. Miila isaa mirgicha galaana gubbaa keeyyate, bitaachaa lafa godduu gubbaa keeyyate, qoonqoo guddoo akka ittansuu nyeencaa jirtuun lallabee. Eegii innii lallabe, mandiisuun torbaan qoonqoo isaani dhageessisan. Akkuma warrii dubbateen, anin barreessuu fedhee, ammoo qoonqoo gubbaa dhufte ta, “Waan mandisuun torbaan jette dhossi; hinbarreesinii” jettu dhagaye. Jennaan ergamaan anin isaa galaanaa fi lafa godduu gubbaa ejju arge kaan harka mirgicha olfudhatee, Maqaa Waaqaa ka haga jiruu jireennaa jiru, ka gubbaa fi waan keessa jiraallee, lafaa fi waan keessa jiraalle, galaana fi waan keessa jiraa cufaallee uumeen kakhatee, “Armaa achi wantii kunin itti deebitee miila hindhaabattu. Bara magalata torbeessoo dhan, akkuma hojjatoota ufii raagotaatti himee, Waaqii herega ufii ka dhossan inguuta” jedhe. Jennaan qoonqoon anin qaraa gubbaa dhagaye ammallee naan dubbattee, “Beenii dhaqii, waraqata baniisa qabu, ka harka ergamaa galaana fi lafa godduu gubbaa ejjuu keessa jiru fudhadhuu!” naan jette. Anin gara ergamaa kaanii dhaqee, waraqata diqqaa kaan naa kennii jedheen. Innii ammoo, “Fudhadhuu, nyaadhu! Garaa kee keessaatti hinhadhaa, ammoo afaan keessaatti akka damma miyaahaa” naan jedhe. Anin waraqata diqqaa kaan irraa fuudhee nyaadhee, afaan kiyya keessaatti akka dammaa miyaahee, eegii anin liqimsee ammoo garaa keessaatti natti hadhaa'e. Jennaan, “Ammallee dhaamsa Waaqaa ka gosa hedduu, ka lafa hedduu, ka afaan heddutii fi hayyootaa cufaa himuu malte” naan jedhan. Jennaan ulee wayiin biimman natti kennanii, “Ka'ii, Mana Waaqaatii fi waan sooriyyoo irratti qalaaniillee biimmi, nama keessatti kadhatuullee cufa hedi! Ammoo cichaa Mana Waaqaa dhundhuma hindha'in! Isii ya, akka warrii Dira Qulqulloo jiha afurtamii lamaa irra ejaajjatu gosa dhibiitti kennanii. Anin dhugaa tiyya lama erga; isiin wayaa nami nami irraa du'e uyyifatu, uyifatteetti guyyaa kuma tokkoof dhibba lamaa fi jaatamaa dhaamsa Waaqaa himti” jedhe. Dhugaan lamaan sun mukha ejersaa lamaanii fi ibsee lamaan ta fuula gooftaa lafaa dura ejaajjitu. Yo namii tokkolleen warra tuquu fedhuu, ibiddii afaan warraa keessaa baheetti, nyaapha warraa balleessa; akkanaan nama warra tuquu fedhu cufa ijjeessan. Warrii akka haga warrii dhaamsa Waaqaa himu bokka'ii hinbuune jabeenna bokkaan dhowwu qaba. Jabeenna maddoo bisaanii cufa dhiiga tolchaniin qaba; ammallee jabeenna gaargala gosa gosaa yo fedhan cufa lafaan dhufan qaba. Yo warrii dhaamsa ufii hobbaafate, bineensii boolla qilee keessaa gad bahu warra hadheetti, dabsatee fixa. Reeffii warraa fulaa Abbaa warraa itti mukhaatti fannisan karaa diraa guddaa keessa cicisa. Maqaan akeekaa ka dira sunin yaaman, “Sodooma yokaan Gibxi” jedhan. Nama cufa keessaa, gosa cufa keessaa, lafa cufa keessaa, afaan cufa keessaa, warrii dhufe, guyyaa sadii fi wadhakaa reeffa warraa daawwachaa awwaaluu dhowwa. Namii lafa cufaa marroo du'a jara kana lamaaniitiif gammadeetti, jila tolfatee, wa walii erga, waan raagii sun lamaan qara gaargala guddaa lafattiin dhufeef. Eegii guyyaa sadii fi wadhakaa Hafuurii jireennaa gara Waaqaatii dhufee warra seenee olkakkaanii; namii warra arge cuftii guddoo sodaate. Jennaan raagootii lamaan qoonqoo guddoo Waaqaa gubbaa, “Garana olkoottaa warraan” jettu dhageette. Akkuma nyaaphii warraa arguu, ka'aanii duumansa keessa gara Waaqaa olgalan. Yo sun laftii chochootee, harka kudhan keessaa harkii tokkoo ka dira jijjige. Lafatti chochoonaan, namii kuma torbaa raawwate. Namii hafe sodaatee jabeenna Waaqaa ka gubbaa faarse. Gaargalii lammeessoo ya dabre; gaargalii sadeessoo ammoo kunoo dhufuu jira. Jennaan ergamaan torbeessoo magalata ufii dha'ee, qoonqoon guddoon gubbaa dhuftee, “Jabeennii lafaan fidan amma ka Aabboo keennaatii fi ka Kiristoo isaati, innii haga jiruu jireennaa fida” jette. Jennaan jaarroolleen diddamii afurii, ta barcumaa guddinna Waaqaa dura teteettu, fuula duraatti jiddee, lafaatti gogombifamtee Waaqaa sagaddee, “Ee Aabboo Waaqaa ka waan cufaa dandeettu, ka ammaa fi duriillee jirtu! Waan ati jabeenna kankee garsiiftee finna lafaa itti keeyyateef nu galata sii galchinaa! Warrii Waaqaa hinbeenne ya dallane, dallansuun tantee ammoo ya dhufte, fulaan warra du'e itti muraaniilleen ya geette; ammallee fulaan hojjatootii tantee raagotii, nama diqqaa fi guddaallee cufa nama si sodaatu cufaa galata warraa galchaniif ya dhufte. Yo'i nama lafa balleessu balleessan ya gahe!” Mana Waaqaa ka gubbaa jiru bannaan, Sanduuqa Waldhaqiisaa kaan Mana Waaqaa keessatti argan, hangaasuun hangaatee, mandiisuu indhuqqiftee, laftii in chochoote, bokkeenii dhakaan roobe. Akeekii jabaan gubbaa bahe. Niitii tokko ta aduu uyifattee, jiha miila ufi jala qabdutti jira, mataan isii surree hayyummaa ta hurjii kudhanii lamaa qaba. Isiin ulfa qabdi; ciniinsuu da'aatiin rakkattee teettee bootte. Akeekii dhibiilleen gubbaa bahe. Jawwee diimtuu guddoo tokko, ta mataa torbaa fi gaafa kudhan qabdu jira, ammallee mataa cufa gubbaa surree qabdi. Eegee ufitiin hurjii Waaqaa irraa harka sadii keessaa harka tokko guurrattee lafatti jissite. Jawween taan akka yo niitiin deete da'iima kaan nyaattu niitii diqquma hindayiin taan dura ejjite. Jennaan niitiin taan ilma gosa cufa ulee sibiilaatiin moohatuu deette; daa'imii kaan ammoo duraa butaniitti, fulaa barcumaa guddinna Waaqaa geessan. Niitiin gara lafa gammoojjii baqattee, achiitti fulaa Waaqii akka isii guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatamaa itti qorqortan midhaaseef qabdi. Jennaan lolii Waaqaa gubbaatti ka'e! Mikhaa'el ergamtoota isaa waliin jawwee taaniin walhadhe, jawweelleen ergamtoota ufitiin waliin haate. Ammoo jawwee dabsatanii, isii fi ergamtoota isiillee Waaqaa gubbaa taa'u dhowwan. Jawwee guddoo taan gara lafa gad gatan! Isiin sun bofa durii kaan, ka Sheexana yokaan Jinnii jedhaniin, ka lafa cufaa sobe. Isaa fi ergamtoota isaa cufa lafaatti gatan. Jennaan anin qoonqoo guddoo: “Amma baafamii Waaqaa yaayyuu dhufe! Waaqii ya irree ufii akka hayyuu garsiise! Kiristoon isa ya jabeenna ufii garsiise! Wanti akkanatiif nama obboleeyyaan teenna himatu, ka halkanii guyyaa Waaqaa dura ejjee warraa himatu, la gubbaa gad gatan. Obboleeyyan teenna dhiiga Elemoo hoolatii fi dhugaa warrii odeesuun isa dabsatti; warrii akka jireenna ufii baasee dhumu kurfoo jira. Tanaaf, Waaqaa gubbaa fi warrii achi taa'uulleen gammada. Ammoo lafaa fi galaanati gaargala! Wantii akkanatiif Sheexanii ya sitti dhufe, ya dallane, innii akka yo'ii isaa hobba'uu gahe inbeeka” jettu dhagaye. Jawween taan akka gubbaa gad darbatan arginaan, niitii ilma deette taan gussite. Niitii taan koola risaa gugurdaa lama kennaniif akka isiin lafa gammoojjiittii baqattee ganna sadii fi wadhakaa achi teetee achiitti qorqoratan, akka ammllee isiin hadhiisa bofaa sun duraa baatu. Jennaan jawween bisaan akka galaanaa afaan ufii keessaa yaaftee, akka lolaan fudhatu niitii taan gussite. Laftii ammmoo niitii qarqaartee, afaan bantee, bisaan afaan jawwee keessaa yaa'e kaan cufa gad liqimsite. Jennaan jawween niitii taanti aartee, sanyii isii, warra seera Waaqaa gula deemuu fi ka dhugaa Yesus mullise dhugeeffatu cufa hadhuu dhaxxe. Jawween taan maanssa afaan galaana irra ejjite. Jennaan anin bineensa tokko ka galaana keessaa bahuu jiru arge. Gaafa kudhanii fi mataa torba qaba, gaafa cufa irra surree hayyumaatti jira, mataa cufa irratti maqaa hamamaa barreessan. Bineensii sun akka qeeramsaa jira, miilii isaa akka miila goorjamaa jira, afaan isaa akka afaan nyeencaa jiran. Jawween taan jabeenna, guddinnaa fi humna ufii cufa bineensa sunii kennite. Mat. aan bineensa sunii tokko madaa guddoo hamtuu qaba, madaan taan ammoo la fayyite. Laftii cuftii mamtee, bineensa kaan gula yaate. Namii cuftii jawwee guddisee, waan innii jabeenna ufii cufa bineensa kaanii kenneef. Bineensallee guddisan sagadaanii, “Eentu akka bineensa kanaa jira? Eentu danda'ee isa hadha?” Bineensa kanaa akka inni abaarsa hamaa dubbatu jabeenna kennan, ammallee jabeenna jiha afurtamii lamaa kennaniif. Innii Waaqaa, maqaa Waaqaa, fulaa innii taa'uu fi warra gubbaa oli taa'uullee inabaare. Akka innii jara Waaqaa hadhee dabsatu, “Ee'ee” jedhan, ammallee jabeenna innii gosa, afaanii fi lafa cufaan dabsatu kennaniif. Namii lafa jiru cuftii isa guddisa, akkas jechuun, nama maqaa isaa, adoo laftii hinuumamiin, kitaaba jireennaa ka elemoo hoolaa ka ijjeessanii keessatti hinbarreessin cufa jechuu. Yo gurra dhageettaniin qabaattan, caqasaa! Nama booji'uu fedhan inbooji'an; nama goraadeen ijjeessuu fedhan inijjeessan. Warrii Waaqaa obsaa fi dhugeeffachaa qabaachuu male. Jennaan anin bineensa dhibii ka lafa keessaa bahe arge. Innii gaafa lama ka akka gaafa hoola jiru qaba, ammallee akka jawwee dubbata. Ammallee jabeenna bineensii qaraa qabu cufa fuula isaa duratti garsiise. Innii lafaa fi waan isii keessa jiraa cufa bineensa qaraa kadhachiise, ka madaan hamtuun taan fayyite. Bineensii lammeeessoo kunin waan mamaa hedduu tolche; ibiddaayyuu Waaqaa keessaa fuula namaa cufaa duratti lafaatti gad buusa. Nama lafa cufa keessa taa'u, waan mamaa ka innii fuula bineensa qaraa duratti tolcheen sossobe. Bineensii kaan nama lafa cufaatiin, akeeka bineensa gooraadeen waraanan ammoo hindu'in kaan fakkaatu guddisa midhaassa, jedhe. Ammallee bineensa lammeessoo kaan akka inni akeeka bineensa qaraa kaan hafuura jireennaa itti guuru, akka akeeki kaan dubbatuu fi akka nama isa hinguddimne cufa ijjeesu, “Ee'e” jedhan. Bineensii kaan nama cufa, diqqaa fi guddaallee, dureessaa fi hiyyeesaallee, tissee fi balchaallee, beessisa harka mirgichaa yokaan adda gubbaa keeyyachiise. Yo akeeka kana qabaate malee namii tokkolleen dandaa'ee homaa hingurguru yokaan hinbitatu, akeekii sun maqaa bineensaa yokaan akeeka henna maqaa isaati. Wantii kunin qarooma feeti. Namii qalbii qabu cuftii waan henna sun ha hubatuu, hennii sun maqaa namaati. Hennii isii dhibba jahaa fi jaatamii jaha (666). Jennaan anin millannaan elemoo hoolaa ka gaara Xiyoon jedhan gubbaa ejjitu arge. Isa waliin nama kuma dhibba tokkotii fi afurtamii afuriti jira, ka maqaa isaatii fi maqaa Abbaa isaa adda irraa qabu. Jennaan anin qoonqoo guddoo mandiisu fakkaatu ta akka bisaan gooddoo irraa oomachaan gadi yaa'ati dhagaye. Qoonqoon anin dhagaye akka qoonqoo kiraaraa jirti. Warri sun barcumaa guddinnaatti, waan lubbuu qabaa afraanii fi jaarrolleetti fuula deefatee sirba haaraa warra malee namii tokkolleen danda'ee hinsirbine sirbe. Namii lafa keessa jiru ka baasan warruma callaa. Warrii sun nama nadheeniin ufi hinxureesin, ka takka nadheen hinfuudhin. Fulaa elemoon hoolaa deemu cufa gula yaan; ya nama lafa cufa keessaa warra baasan, ammallee warrii sun warra angafaa ka Waaqaa fi elemoo hoolaatii baasan. Warrii takka hinkiyyimne, wallaala hinqabu. Jennaan anin ergamaa dhibii, ka oduu dansaa ta haga jiruu jirennaa jirtu nama lafa cufaatti, gosa cufaatti, afaan dubbatan cufaan nama cufaatti himuuf ka gubbaa barrisu arge. Innii qoonqoo guddoon, “Gaafii murtii isaa la gahee, Waaqaa sodaadhaa, guddisaa! Waaqa; lafa, gubbaa, galaanaa fi maddoo bisaanii cufa uumee gad jedhaa” jedhe. Ergamaan lammeessoo qoonqoo guddoon “Dirii Baabilon guddaan daadhii ufii hamtuu dharraa sharmuxoomaa gosa cufa obaaftee macheesitee ya jidde, ya jidde” jechaa ka qaraa kaan gula deemee. Ergamaan sadeessoo dhibiilleen, warraa gula deemee, qoonqoo guddoon, “Namii tokkolleen yo bineensaa fi akeeka isaa ka bocan ammallee akeeka addaa yokaan harka ufii irraa fudhatee guddise, innii daadhii dallansuu Waaqaa, ta adoo hinlaaffisin muduunuu dallansuu isatti naqan dhuga. Ammallee ibiddaa fi dhakaa boba'aa baqee lola'uun fuula ergamtoota qulqullootii fi elemoo hoolaa duratti isa gaargalchan. Nama bineensaa fi akeeka isaa kadhatu, ka beessisa maqaa isaa argate ufirraa qabulleen alkaan fi guyyaa boqota hinargatu. Aarii ibiddaa ka warra gaargalchuu haga jiru jireennaa oli deema.” Jara qulqulloo seera Waaqaa guutee dhugeeffachaa Yesus jabeessu, obsi isaani arma irra. Jennaan anin qoonqoo gubbaa, “Waan kana barreessi, namii armaa achi adoo Aabboo hojjachuu jiruu du'e ka badhaadhe” jettu dhagaye. Hafuurii qulqulloolleen, “Dhuguma akkas; warrii sun waan hujiin warraa warra gula deemtuuf, hujii jabduu irraa boqota” jedha. Anin miillannaan, duumansa adii tokkoo, ka namii ilma namaa fakkaatu ka surree warqii mataa qabu, ka ammallee haamtuu qara qabdu harkaa qabu, irra taa'uu arge. Ergamaan dhibiin Mana Waaqaa keessaa bahee, nama dumansa gubbaa taa'u qoonqoo guddoon yaamee, “Midhaan ya bilchaatanii fulaa dabranii, yohii haamanilleen ya gahee, haamtuu tantee fudhadhuu haami” jedheen. Jennaan namii dumansa gubbaa taa'u kaan haamtuu ufii fudhatee haamee, akkanaan midhaan lafaa haaman. Jennaan ergamaan dhibiin Mana Waaqaa ka gubbaa keessaa bahe; inniilleen haamtuu qara qabdu harkaa qaba. Ergamaan dhibiin ka ibidda qorqoraatu fulaa waan sooriyoo irratti qalaniittii dhufee, qoonqoo guddoon ergamaa haamtu harkaa qabu yaamee, “Midhaan wayinii waan bilchataniif haamtuu tantee lafa keeyyadhuu, walti qabii lafaa guuri” jedhe. Tanaaf ergamaan haamtuu ufii fudhatee, midhaan zabiibuu kutee, fulaa dalaansu Waaqaa garsiiftu ta midhaan Waynii itti caccarassan keessa buuse. Fulaan wayini itti caccarasan sun moggaa dira jirti. Achitti irra sirban; dhiigii fulaa caccarassan sun keessaa yaa'e, haga luugama fardaa bira gahuutti olka'e; haga kiiloo metirii dhibba sadii lafa irra lola'e. Jennaan anin akeeka waan mamaa guddoo dhibii Waaqaa gubbaatti arge; warriilleen ergamtoota torba ta balaa torba harkaa qabdu. Kunin balaa eegee tanaan, dallansuun Waaqaa hobbaate. Jennaan anin waan galaana daawwitii fakkaataa ka ibiddaan walti makame arge. Ammallee warra bineensaa, bifa fakkeenna isaatii fi laakkomsa maqaa isaatiif dhaabatu irratti dabsachaa argatanii, Kiraara Waaqii warraa kennee harkaatti qabatanii, fulaa galaana daawwitii fakkaattu sun bira ejjaajjan arge. Warrii sirba Muuse garbicha Waaqaatii fi sirba elemoo hoolaa, “Aabboo Waaqaa guddaa, wantii atin tolchitu cuftii waan mamaati. Karaan kankee ka dhugaati ammallee qajeelaa Ee Aabboo namii si hinsodaanne ka maqaa kee hinguddifne eennu? Si callaatti qulqulloo; gochii cuftii dhufteetti, marroo hujii tantee ta dhugaa, ta namii cuftii arguutiif sii sagadde jedhan” jechaa sirban. Eegii waan kanaa anin gubbaa millannaan Mana Waaqaa ka Waaroon dhugaa keessa jirtu, Ka baniisa qabu arge. Ergamtootii torbaan balaa torba harkaa qabdu keessaa yaatee, wayaa marduufaa adii uyifattee, wayaa warqii qomaatti maraatte. Jennaan waan lubbuu qabaa afraan kaan keessaa tokko qorii warqii torba ta dallansuu Waaqaa ammaa fi hegeriillee jiruutiin guutan tokkoo ergamtoota torbaanti kenne. Aarii ulfinnaa fi jabeenna Waaqaa keessaa yaa'u Mana Waaqaa guutee, haga balaan torbaan ergamtootii torbaan dhufteen hobba'utti, namii tokkolleen Mana Waaqaa seenuu dadhabe. Jennaan anin qoonqoo guddoo Mana Waaqaa sun keessaa ergamtoota torbaaniin, “Beenaa, dhaqaa, qorii torbaan dallansuu Waaqaa lafaatti jissaa” jettee dubbattu dhagaye. Jennaan ergamaan qaraa dhaqee qorii ufii lafaatti jisse; madaan hamtuun gargalchituun warraa beessisa bineensaa ufirraa qabuu fi warra akeeka isaa guddiseen baate. Jennaan ergamaan lameessoo qorii ufii galaanatti jissee, bisaan cuftii akka dhiiga nama du'ee tahaanii, wantii galaana keessa jiraa cuftii raawwatte. Jennaan ergamaan sadeessoo galaanaa fi maddoo bisaanitti qorii ufii jisse, jennaan dhiiga tahan. Yoma sun anin ergamaa waan bisaanii beeku ka, “Ee atiin qulqulloon, ammaa fi duriillee jirtu, murtii tana muruun kee fulaa. Warrii dhiiga raagootaatii fi ka warraa qulqulloo jisse, tanaaf atin ya dhiiga warraa hobaafte. Waan warraa malee argachuutti jiran” jedhu dhagaye. Jennaan anin qoonqoo fulaa waan sooriyoo, irratti qalanii ta, “Aabboo Waaqaa guddaa! Murtiin tantee ta qajeelaatti ammallee ta dhugaati” jettu dhagaye. Jennaan ergamaan afreessoo qorii ufii aduu gubbaatti jisse, akka isiin oowwa guddaan nama gubdu irree kennaniif. Oowwi guddaan nama cufa gubee, warrii maqaa Waaqaa, ka gaargala kana irrati irree qabu inabaare malee, cubbuu irraa deebi'ee isa hinulfeesine. Jennaan ergamaan shaneessoo qorii ufii barcumaa guddinna bineensaatti jisse; guddinnii bineensaa dukkanaa'ee, namii cuftii dhukkubsacha gargalaatiin, arraba ufi ciniine. Mar. roo madaa fi dhukkubsachaa isaaniitiif, Waaqaa gubbaa inabaaran mallee, hammeenna ufii irraa hindeebine. Jennaan ergamaan jaheessoo qorii ufii galaana Efraaxiitti jisse. Akka hayyootii mirgaa karaa argatte taakkitu Galaanii ingoggoge. Jennaan anin jinni hamaamtu sadii ta raacha fakkaattu, ta afaan jawwee, afaan bineensatii fi afaan raaga dharaa keessaa yaatu arge. Kunin hafuura jinnii ka waan mamaa tolchu; hafuurii kunin sadeen akka hayyoota tana guyyaa jabaa Waaqaa guddaa, waraanaa walti yaamuuf gara hayyoota lafaa cufa yaa'a. “Caqasaa! Anin akka hattuu dhufaa! Nama akka qullaa biyyaa keessa deemee hincerre rafuu didee wayaa ufii qorqoratu nama kaayome.” Jennaan hafuurii kaan fulaa afaan Ibrootaatiin, “Armaagedoon” jedhaniitti hayyoota cufa walti guure. Jennaan ergamaan torbeessoo qorii ufii qilleensatti jissee, jennaan qonqoon guddoon “Amma ya taate!” jettu barcumaa hayyummaa ka Mana Waaqaa keessa jiru irraa dhufte. Hangaasuu, iyyannaa fi mandiisuun dhuftee, laftii chochoote. Haga nama uumanii takka laftii akkana hinchochoone; chochoohaan tunin cufa irra hamtu! Dirii guddaan fulaa sadiitti gargarii dayya'ee, dira lafa cufa keessa jiru balleesan. Waaqii dira Baabilon guddaa qaabatee, daadhii muduunuu ufi ta dallansu isaa akka isiin dhuddu tolche. Laftii jidduu bisaanii keessa jirtu baddee, gaarreen cufa lafaa dhaban. Dhakaan bokkahii roobuun ka tokko tokkoon haga kiilo giraamii shantamaa ulfaatu Waaqaa gubbaa nama irra bubbu'e; waan dhaanichii dhakaa sun guddoo gargalchiisaa ta'eef, sun irraa ka'ee namii cuftii Waaqaa abaare. Jennaan ergamtoota torbaan, qorii torbaan harkaa qabdu keessaa tokko gara kiyya dhufee, “Kootti akka shaarmuxittii guddoo gaargalchan si garsiisaa, isiin dira guddaa kana, ka afaan galaanaa hedduutti jaaran” naan jedhe. Hayyootii lafaa shaarmuxittii tana waliin rafte, namii lafa cufaa la farsoo hammeennaa isii taan dhugee machaa'e. Hafuurii ol na fuudhee, ergamaan lafa gammoojjiitti na geesse. Achiitti anin niitii tokko ta bineensa diimaa maqaa hamaamaa irratti barreessan gubbaa teettu arge; bineensii sun mataa torbaa fi gaafa kudhan qaba. Niitiin wayaa diimtuu fi daalattii uyyifatteetti, miha warqii, dhakaa mimidhaagaa fi dooqa naqattee, buduunuu warqii ta waan nama jibbisiisa qabduu fi ta batti shaarmuxxummaa isii qabdu harkaa qabdi. Adda isii gubbaa maqaa dhoossa ka, “Baabiloon guddoo, haadha shaarmuxootaatii fi battumma lafa keessa jirtu cufaa” jedhu irratti barreessan. Anin akka niitiin dhiiga warra Waaqaatii fi ka warra Yesusiitti dhugeeffatee fixaaniin machoofte arge. Isii arginaan anin guddoo maadefadhe. Ergamaan naan, “Maaf maadeffatte? Anin waan dhossaa ka niititii fi waan bineensa isii baatuu, ka mataa torbaa fi gaafa kudhan qabuu sitti hima. Bineensii atin argite sun durii injira, amma ammoo hinjiru; armaan duuba boolla lafa jalaa keessaa ba'ee gara badi ufi deema. Namii lafa keessa jiru, ka maqaa warraa gaafa lafti uumamtee jalaqabee, kitaaba jireennaa keessatti inbarreesin, yo bineensa sun laalan inmaadeffatan. Wantii akkanatiif innii durii injira amma ammoo hinjiru, hegerii inmullata.” “Wantii kunin qalbii fi hubachaa feeti. Mat. aan torbaan gaarreen torbaan niitiin gubbaa teettu. Ammallee mataan sun hayyoota torba; shan yaayyuu hayyummaa dhabde, tokko ammallee moohuu jira, tokko hindhumne; yo dhufe diqqoo tokko callaa taa'uu male. Bineensii durii jiru ka amma hinjirre, hayyuu saddeetessooti ka warruma torbaan kaan keessa jiru, inni ka'ee gara badii deema.” “Gaafii kudhanan atin agarte ammoo, hayyoota kudhan ta ammallee hinmoohatin, ta ammoo jabeenna moohatuun bineensa waliin haga saatii tokko itti kennan. Warrii kunin cuftii akka humnaa fi jabeenna ufii cufa bineensa sunii kennu herega takkaa qaba. Warrii elemoo hoolaa inhadha ammoo elemoo hoolaatii fi jarii dhugaa ka isaa gula yaa'u, ka inni foohattee yaame, waan innni guddaa abbootii cufatii fi hayyuu hayyoota cufaa ta'eef warra dabsata.” Eergamaan ammallee naan, “Bisaan atin garte, ka niitiin gubbaa teettu gosa gumii, lafaa fi afaan heddu. Gaafa kudhannaan atin gartee fi bineensiilleen sharmuxittii taan injiba; warrii waan isiin qabdu cufa fudhateetti qullaa isii lakkisa; warrii foon isii nyaateetti ibidaalleen isii guba. Waaqatti akka fedhii innii fedhu tolchan yaada kana garaa warraa keessa kaaye, akka warrii waan takkaa tahee, haga dubbiin Waaqaa guutamtuutti jabeenna moohatuun bineensaa kennu.” “Niitiin atin garte sunin dira guddaa hayyootaa lafaa moohatu.” Eegii waan kanaa anin ergamaa tokko ka jabeenna guddaa fudhatee Waaqaa gubbaa gad bu'uu jiru arge; laftii cuftii midhaaguma isaatiin ibsite. Innii qoonqoo guddoon lalabee, “Isiin ya jidde! Baabilon guddoon ya jidde! Isiin yaayyuu teessoo Sheexanaatii fi ta jinnii hamtuu taate. Simphirreen hamtuun jibban cuftii isii keessatti galti. Isiin daadhii ufii gosa cufa obaafte, daadhii jabduu ta dharraan isii hamtuu. Hayyootii lafaa isii waliin raftee, daldaltuun lafaa dharraa isii hamtuun duroomte” jedhe. Jennaan anin qoonqoo dhibii Waaqaa gubbaa: “Gumii tiyya isii biraa kootta! Cubbuu isii keessaa hinseeninaa, gaargala isii hinqoodatinaa! Wantii akkanaatiif tuulaan cubbuu isii ya gubbaa ga'e. Waaqii karaa isii hamaa inqaabata. Akkuma isiin isan tolchite isaniilleen isii tolchaa, marroo lama waan isiin baafte baasaaf. Farsoo isiin isan obaafte ta marroo lama irra jabduu buduunuu isitti naqaa. Akkuma isiin guddinnaa fi gammada ufii kennite isaniilleen gaargalaa fi laaleffachaa kennaaf. Isiin ufiin: ‘Anin akka hayyitii taha! Anin niitii dhiirsii irraa du'eeniti; anin laaleffadhee hinboohu’ la jette. Mar. roo waan kanaatiif gaargalii isii cuftii, ka akka dhukkubaa, laaleffachaa fi beeltiilleen guyyaa tokko isii dha'a; ibiddiilleen isii guba. Wantii akkanaatiif Aabboo Waaqii ka isitti muru guddoo jabaa” jettu dhagaye. Hayyootii lafa tanaa isii waliin rafte, hameenna tolchite, aara gubachaa ka isii keessa yaa'u argite bootti. Warrii marroo gaargala isii sodaatuuf fagoo ejaajjeetti, “Waan Cubbuutti! Waan hamtuu! Dira Baabilon guddaan kana! Saatuma tokko keessatti ya sitti murani” jedha. Naggaadeen lafaa waan armaa achi namii miha isaani irraa bitu hinjirreef, isiin laaleffattee bootte. Miha warqii, qarsii, dhakaa dadansaa, dooqaa, wayaa marduufaa, wayaa didiimtuu, wayaa midhaadduu, siida; mukaa dadansaa urgaa'u, miha gosa cufaa, miha ilka arbaa irraa hojjatan, miha mukaa gatii guddoo irraa hojjatan, saldaqaa, ka sibiilaa fi ka cabbii midhaasaniin; ammallee fixoo, qundhii, hixaana, qumbii fi qayya; daadhii fi dhadhaa, dargaayyee daakhanii fi midhaan dargaayyee, loonii-re'ee, fardoo, gaarii, tisseelee fi lubbuu namaatuu namii warraa irraa bituu hinjiru. Naggaadeen isiin: “Wantii dansaan atin argachuu feete kaan cuftii ya badde, duroomaa fi shoobii kankee cuftii yaayyuu badee, itti deebitee hingartu” jette. Naggaadeen dira sun keessatti duroomte waan gaargalaa isaa sodaattuuf fagoo irraa ejaajjiteetti iyyitee boottee. “Waan cubbuu! Gaargala dira guddaati! Durii wayaa marduufaa, diimtu fi shiida uyyifatte, faaya warqii, faaya cucculuqaa dooqaa naqatte. Amma saa'atii tokko keessatti ya durooma ufii cufa dhabde!” Jetti. Warrii gugurdaan hoboloo ajaju, warrii hoboloo yaabbaatu, ka hoboloo keessa hojjatuu fi ka galaana keessaa liqimsaa argatuulleen cuftii fagoo irraa ejaajja. Aara gubachaa isii arginaan iyyanii boohanii, “Dirii akka dira guddaa kanaa tokkolleen lafa wa jiraa?” jedhan. Awwaara mataa gubbatti guurratanii, iyyanii boohanii, “Waan cubbuutii! Gaargala dira guddaatti! Warrii hoboloo bisaan irraan yaatu qabu cuftii isa keessatti duroome. Ammoo saahatuma tokko keessatti ya waan cufa dhabe” jedhaniin. Qoonqoon tokko ammoo, “Ee gubbaa badii isiitti gammad! Isan warrii Waaqaa qulqulloo taatan, ergamtootaa fi raagoota, Waaqii waan dirii kun isan tolche ya itti isanii muree Gammadaa” jette. Jennaan ergamaan guddaan tokko dhakaa guddaa haga dhakaa daakuu fuudhee, galaana keessa buusee, “Dira guddaa Baabilon akkanuma fuudhanii galaanaa keessa buusan, akka namii deebi'ee hingarre! Qoonqoon warraa kiraara dhahee sirbuu, ka fuulidoo, dha'uu fi ka magalata afuufuu itti deebi'aanii si keessatti hindhagayani! Ogeeyyi tokkollee deebi'anii si keessatti hinargan; qoonqoo dhakaa daakuu itti deebi'aanii si keessatti hindhagayan! jette. Ibsee deebi'anii si keessatti hinargan; qoonqoo intala fuudhatii fi gurbaa fuudhaa deebi'anii si keessaatti hindhagayan. Naggaadeen tantee durii naggaadee lafa cufaa irra jirti, hammaattee atin falfala dharaatiin nama lafa cufaa sobdee” jedhan. “Wantii Baabilon gaargalchaniif, waan dhiiga nama lafa keessaatti ijjeessani, dhiiga raagootaatii fi warra Waaqaa cufa isi keessaatti arganiif” jedhaniin. Eegii waan kanaa anin waan qoonqoo gumii hedduu fakkaataa ta, “ ‘Haalleluuyaa!’ baafamii, guddinnaa fi jabeennii ka Waaqaa keennaati. Murtiin isaa ta dhugaatii fi ta qajeelaati. Innii ya shaarmuxittii guddoo ta hammeenna ufitiin lafa balleessitetti mure. Waaqii ya marroo isiin warra isaa hojjatu fixxeef gaargalche” jettuu Waaqaa gubbaa dhagaye. Ammallee ittuma deebi'anii, “Haalleluuyaa! Aarii dira guddaa gubataa haga jiruu jireennaa oldeema” jechaa iyyan. Jennaan jaarrollee diddamii afuritii fi wantii lubbuu qabaa afran taan Waaqaa barcumaa guddinnaa gubbaa taa'u duraati lafaati jiddee, “Ee'e jenne Waaqaa galati ha ga'uu!” Jedhan isa guddisan. Jennaan fulaa barcumaa guddinnaati, “Hojjatootii isaa cufti, nami diqqaa fi guddaalleen, namii isa sodaatu cuftii, Waaqaa keenna faarsaa!” Qoonqoon jettu dhuftee. Jennaan anin waan akka qoonqoo nama hedduu, waan akka bisaan guddoo gubbaa gad jigaatiitii fi waan akka mandiisuu qawwee fakkaata ka “Waaqaa faarsaa! Aabboo, Waaqii keenna guddaan, inhayyoomaa! Koottaa hingammannaa, hinqiliixamnaa; guddinna isaa faarsinaa! Fulaan hoolaan dubra fuudhu ya geette, intaltii inni fuudhu ya kurfeeffatte! Ya wayaa midhaaddu angaatu akka keeyattuuf itti kenan. Wayaan midhaadduun angaatu sun hujii qajelumaa ta warra Waaqaa.” Jennaan ergamaan sun, “Waarii gara fuudha elemoo hoolaa yaaman ha gammadu. Atilleen waan kana barreessi!” Ergamaan ammallee itti deebi'ee, “Tunin dubbii dhugaa ta Waaqii dubbate” naan jedhe. Anin isa guddisuuf miila isatti jigee, innii ammoo, “Lakkii akkana tolchuu hinmalle. Anin hojjattuma akka keetitii fi akka obboleeyyaan teeti, warra dhugaa Yesus mullisee jabeessu cufaatii, Waaqaa sagadi!” Naan jedhe. Wantii akkanaatiif dhugaa Yesus mullisetti raagoota dubbachiisa. Jennaan anin gubbaa Waaqaa ta banamtee fi farda adii tokko arge. Nama isa yaabbatu, maqaan isaa, “Ka dhugaatii fi ka dhugeeffatame” jedhan; yo namatti muruu fi yo duuluullee dhugaa callaan hojjata. Iltii isaa akka arraba ibiddaa jirti, surree hayyumaa hedduu mataa irraa qaba, barruu maqaa ta isa malee namii tokkolleen maqaa sun hinbeennetti irra jira. Wayaan innii uyyifate dhiiga qabdi. Maqaan isaa, “Duubbii Waaqaa” jedhan. Duulii waraana Waaqaa ka gubbaa fardoollee adaadii yaabbateetti, wayaa marduufaa adii uyyifate isa gula yaa'a. Afaan isaa keessaa goraadee qara qabdu ta innii gumiin dha'uutti ba'a. Innii ulee sibiilatiin warra fide, fulaa daadhii dallansu Waaqaa Gudda waan cufa danda'uu garsiiftu itti cunfan irra ejjatee cunfa. Wayaa isatii fi gudeeda isaa gubbatti, “Hayyuu hayyootaa, Goofta gooftota cufaa” jedhanitti maqaan isaa barreefame. Armaan duubati ani ergamaa aduu keessa ejju ka simphirree Waaqaa gubbaa barriftu cufaa qoonqoo guddoon, “Gara soora guddo Waaqii qopheessetti koottaa, wal waldaa! Koottaa, foon hayyootaa, ka abbootii duulaa, ka warra warraanaa, ka fardaatii fi ka nama farda yaabbatuu, foon nama cufaa; ka tisseellee, balchaalle, diqqaa fi guddaallee nyaadhaa” jedhee iyyee yaamu arge. Jennaan anin bineensaa, hayyoota lafaatii fi duula warraa, ka namicha farda borora irra taa'uu fi duula isa hadhuuf waltibaate arge. Jennaan duuba bineensa kaanii fi raaga dharaa, ka waan mamaa isa duraatti tolche kaallee waliin qaban. Innii qaraa waan mamaa kanaan warra beessisa bineensaa ufirraa qabuu fi warra fakkeenna bineensa bocanii kadhatullee sobe. Bineensaa fi raaga dharaa kaan, adoo warri lubbuun jiruu, galaana ibiddaa ka dhakaa baqee lola'uu keessa jisanii guban. Duula warraa, goraadee afaan namicha farda borora irra taa'u keessaa baatutti fixee, simphirreen cufti foon warraa nyaattee quufte. Jennaan anin ergamaa dhibii ka Waaqaa gubbaa gad bu'u arge; innii furaa boolla guddootii fi haada sibiilaa guddaa harkaa qaba. Innii bineensa akka jawwee gudda, bofa dullacha durii, ka “Diiyaabiloos yokaan Sheexana” jedhn sun qabee, haga ganna kuma tokkoo hidhe. Ergamaan kaan akka innii haga gannii kuma tokkoo hobaa'uutti itti deebi'ee nama tokkollee hinsobne boolla gad qilee keessa jawwee taan buusee, balbala itti cufee, beessisa irra keeyyate. Achiin duubatti ammoo haga diqqa tokkoo hiikamuu male. Jennaan anin barcumaa guddinnaatii fi warra jabeennaa muraa kennaaniif ka barcumaa sun irra tataa'u arge. Akkasuma ammallee lubbuu warra, marroo warrii dhugaa Yesus mullisee dubbi Waaqaa himeef qaqqalanii arge. Warrii bineensa yokaan akeeka isaallee, hinguddimne; yokaan beessisa isaa harkaa fi addalle irraa hinqabu. Warrii akka hayyootaa tahee, Kiristoo waliin ganna kuma tokkoo lafa fide. Tuunin du'aa ka'iisa qaraat. Namii du'e dhibiin kaan ammoo haga ganna kuma tokkoo kaan du'aa hinkaane. Eebba guddoo fi gammadii ka warra du'aa ka'iisa qaraa kana keessaa qooda qabuuti. Dooti lammeessoo warra irrati irree hinqabdu, warrii qaalloollee Waaqaatii fi ta Kiristoo tahee, isa waliin haga ganna kuma tokkoo lafa fida. Yo gannii kuma tokkoo hobba'ee, Sheexana hidhaansa keessaa gad lakkisan, innii dhaqeetti gosa lafa keessa jirtu cufa, Googinii fi Maagoogin, gumii guddoo akka maansa afaan galaanaa sobee warraanati naquuf walti guura. Warrii lafa cufa keessa yaa'ee, gumii Waaqaatii fi dira innii jaalatu marse. Ammoo ibiddii gubbaa gad bu'ee gubee warra hobbaase. Jennaan Sheexana, warra sobe, galaana ibiddaatii fi ka dhakaa bobaa'ee baqee lola'uu fulaa bineensaa fi raaga dharaa qaraa harcaasan taan keessa buusani, haga jiruu jireennaa halkanii guyyaa warra gaargalchan. Jennaan anin barcumaa guddinnaa adii guddaa fi nama irra taa'uullee arge; lafaa fi gubbaalleen isa duraa baqatte, fulaallee warraa hin argine. Ammallee anin nama du'e, diqqaa fi guddaallee, ka barcumaa guddinnaa dura ejaajju arge. Kitaaba hedduu banan ammallee kitaaba jireennaa ka ta'e tokko dhibiillee banan. Warra qaraa du'e akkuma waan warrii tolche ta kitaaba keessatti barreefamee gula itti muran. Jennaan galaannii nama keessatti du'e cufa baasee kenne. Du'aa fi qileen fula ekheraan teettulleen nama du'e ka warra keessaa jiru cufa gad yaaftee kennite, nama cufa akkuma waan innii tolchee gula itti muran. Jennaan du'aa fi qilee fula ekheraan teteettu galaana ibiddaa keessa harcaasan. Galaanii ibiddaa kunin du'a lammeessooti. Nama maqaa isaa kitaaba jireennaa keessatti hinbarreessin cufa galaana ibiddaa keessa harcaasan. Jennaan anin gubba oli haaraa fi lafa haareettii arge; lafa qaraatii fi gubbaan oli ta qaraa la dabarte, galaanilleen armaa achi hinjiru. Ammallee anin dira Qulqulloo, Yerusaalem haareettii, ta gara Waaqaa gubbaa akka intala fuudhaa ta wayaa midhaadduu naqattee kurfeeffattee dhiirsa eedduu gad buutu arge; Anin qoonqoo guddoo tokko ta gubbaa dubbatte dhaga'e; isiin, “Amma manii Waaqaa nama waliin jira! Innii warra waliin taa'a, warriilleen gumii isaa taha. Waaqiilleen warra waliin taa'a, inniilleen Waaqaa warraa taha. Innii imimmaan cufa ila warraa irraa haaqa. Wantii durii ya dabartee du'aa, laleeffachaa, boo'aa fi dhukkubsachaan itti deebitee hinjirtu” jette. Jennaan namii barcumaa guddinnaa gubbaa taa'u ammoo, “Amma anin waan cufa haaraa tolcha!” jedhe; Ammallee deebi'ee, “Dubbiin tun dhugaa fi ta dhugeeffatamu dandeetu waan taateef barreessi” naan jedhe. Wantii cuftii la hobbaatte! Anin Alfaa fi Omeeggaa, anin ka qaratii fi ka eegeeti. Nama dheebu qabu cufa maddoo jireennaa keessaa tolaan bisaan obaasa. Namii dabsatu waan kana narraa argata: Anin Waaqaa isaa taha, innii ilma kiyya taha. Ammoo warri daafanaa, warri dhugeeffacha hinqamne, warri battichi, nami nama ijjeesuu, warri rifanoo dhibii barbaadu, ka murma baafatu, ka waan harkaan bocan guddisu, ka nama sobu cufaa, fulaan warraa galaana ibiddaa, ka dhakaa bobaa'e baqee lola'uu ka du'a lammeessoo. Ergamtoota torbaan, ta qorii torba ta balaa torba qabdu keessaa tokko, gara kiyya dhufee, “Koottii, anin intala fuudhaa, niitii elemoo hoolaa sii garsiisaa” jedhe. Hafuurii gara fiixee gaara dheeraa tokkoo na fuudhee, dira Qulqulloo, Yerusaalem, ka gubba, fulaa Waaqaati gad dhuftu, dira guddinna Waaqatiin bibilliqu na garsiise. Dirii akka dhakaa gatiin guddoo, akka duloo cululuqee dooqa culkitti fakkaatu na garsiise. Dirii kunin naaboo dhakaan jaaran dheertuu qaba, ta fuloo kudhanii lamaa qabdu, ammallee ergamtootii kudhanii lamaa fuloo sun keessa ejaajjitee tissit. Fuloo sun gubbaatti maqaa gosa Israa'eli kudhanii lamaan barreessan. Moggaan cuftii fuloo sadii qabdi, sadii moggaa mirgaati, sadii bitaa, sadii ila galchuu, sadii ila boruu. Naaboo dhakaa ta dira yayyaba kudhanii lamaa ka dhakaayyee irraatti jaaran, dhakaa sun gubbaatti maqaa ergamtoota elemoo hoolaa kudhanii lamaanii barreessan. Ergamaan naan dubbate ulee warqii ta dheerinna diraa, fuloo fi naaboo diraatiin laakka'an harkaa qaba. Moggaan diraa cuftii, dheerinnaa fi ballinnalleen walqixxee. Ergamaan ulee ufitiin dira laakka'ee, kiloo metrii kuma lamaa fi dhibba afuri ta'e, oldheerinnaa fi ballinniilleen hagasuma. Ergamaan akka laakkomsa dhundhuma namaa gula naaboo laakka'ee, oldheerinni dhundhuma dhibba tokkootii fi afurtamii afurii taate. Naaboo sun dhakaa culkichaan jaaran, dira ammoo warqii qulqulloo akka daawwitii bibillixxun jaaran. Yayyaba naaboo diraa dhakaa gati guddoo ka bifa gosa akka akkaatiin cokan dhakaan qaraa culkicha, ka lammeessoo duloo dooqaa, ka sadeessoo haama, ka afreessoo dotii. Ka shaneessoo bulee, ka jaheessoo diimaa fakkaata, ka torbeessoo daalachaa, ka saddeeteessoo dotii fakkaata, ka sagaleessoo barricha, ka kudhanneessoo haama fakkaata, ka kudhanii tokkeessoo bulee hadhicha, ka kudhanii lammeessoo hadhoo fakkaata. Fuloon kudhanii lamaan dooqa kudhanii lamaati, fuloo cufa dooqa tokkoon midhaassan karaan diraa warqii qulqulloo akka daawwitii ifa dabarsituun jaaran. Anin Mana Waaqaa dira sun keessatti hingarre, Manii Waaqaa sun Aabboo Waaqaa Guddaa fi elemoo hoolaa. Dirii waan guddinnii Waaqaa itti ibsee, Ilmeen Hoolaalleen ibsee isaa taatuuf ibsee adutii fi ta jihaa hinfedhu. Namii cufa ibsee isaa keessa yaa'a, hayyootii lafa cufaa durooma ufii dira sunitiin dhufti. Fuloon diraa, marroo halkan hinjireef yoma tokkollee hincufan guyyaa cufa baniisa qabdi. Guddinnaa fi duroomaan hayyoota cufaa gara dira kanaatiin dhufan. Ammoo wanni hamtuu ta'e, yokaan namii waan battii tolchuu fi ka dhara dubbatuulleen tokkolleen keessa hinseenu. Warra maqaa isaanii kitaaba jireennaa ka elemoo hoolaa keessaatti barreessan callaatti seena. Jennaan ergamaan galaana bisaan jireennaa ka guddoo bibiliqu, ka fulaa barcumaa guddinna Waaqaatii fi elemoo hoolaatii ba'u na garsiise. Galaanii jidduu karaa diraa keessa yaa'a. Moggaa galaanaa lachuu muka jireenna namaa kennu tokkootti ejja; mukii kun waan ganna tokko keessaatti marroo kudhanii lamaa midhaan baasuuf, jiha jihaan midhaan irraa argatan; baalii isaa qorsa nama gosa lafaa cufa. Wantii Waaqii abaare tokkolleen dira sun keessatti hinargamtu. Barcumaan Waaqatii fi ka elemoo hoolaa dira keessa jira, hojjatuun isaa isa wayyoomsit. Warrii fuula isaa arga, ammallee maqaa isaa adda isaanii gubbaatti barreessan. Halkan deebi'aanii hinargaman; waan Aabboo Waaqii ibsee warraa ta'uuf, ifa ibseetii fi aduu hinfedhan; duuba akka hayyootaa haga jiruu jireennaa lafa fidan. Jennaan ergamaan, “Dubbiin tun ta dhugaa, ta dhugeeffachuu malan. Aabboo Waaqii, ka hafuura ufi raagootaa ufiitii keennu, waan dhi'oottuu tahaa hojjatoota ufii garsiisuuf ergamaa ufii erge” naan jedhe. Yesusilleen, “Caqasi! Anin dhi'oottuu dhufaa. Namii dubbii himanaa ta kitaaba kanaa keessa jirtu guutuu akkam hagammaduu” jedhe. Anin, Yoh. aannis, ya waan kana cufa argee dhagaye. Anin eegii waan kana cufa argee dhagaye, miila ergamaa waan kana cufa naa garsiisee irratti sagaduuf jigee. Innii ammoo, “Lakkii! Anin akkuma keetii fi akkuma obboleeyyan tantee ta raagootaatii fi akkuma nama dubbii kitaaba kana keessa jirtu guutuu cufa hojjataa, Waaqaa sagadi” naan jedhe. Ammallee innii, “Waan yohii wantii kun cuftii taatuu dhi'aateef, dubbii himanaa ta kitaaba kana keessa jirtu hindhossin. Nami jallaan ha waan jalluu tolchuutii, battichilleen ha waan battii tolchuutii; nami qajeelaan waan qajeeltuu tolchuutii, nami qulqulloon ha waan qulqulloo tolchuutii” jedhe. Yesus, “Caqaaqasi! Anin dhi'oottuu dhufaa! Nama cufa waan innii hojjatee gula galata kennaaf. Anin Alfaa fi Omeeggaa, ka duraatii fi ka duubaat, ka qaraatii fi ka eegee” jedhe. Warrii wayaa ufii miicatee ka badhaadhe! Akkasiin midhaan mukii jireenna namaa kennuu irraa nyaatani, fuloo suniin dira olseenan. Moggaa diraa ammoo, warra hamamaa, falfalaa, warri rifano dhibi barbaadu ka nama ijjeesu, ka waan harkaan bocan kadhatu, nama dubbii fi hujiin kiyyi buutti jira. “Anin Yesus, akka waan kana gumii tiyyaatti himu ya ergamaa kiyya isanitti erge. Anin hiddaa fi dhaloota Daawit; anin bakkalcha bari ibsu.” Hafuuraa fi intaltii fuudhaa, “Kootti” jedhan. Namii waan kana dhagaye cuftii ha “Kootti” jedhuutii! Namii dheebu qabu cuftii ha dhufuutii! Namii fedhu bisaan jireennaa tolaan ha dhuguutii. Anin Yoh. aannis, nama dubbii himanaa ta kitaaba kana keessa jirtu dhagaye cufa jabeesse gorsa! Yo namii dubbii tanatti waan dhibii dare, Waaqii balaa kitaaba kana keessatti barreessan nama sunitti dara. Yo namii waan kitaaba kana keessatti himan tokkollee keessaa hanqisee, Waaqii qooda midhaan mukaa jireennaatii fi qooda isaa ka dira qulqulloo ka kitaaba kana keessatti barreessaniillee isa duraa hanqisa. Namii waan kana cufaa dhugeessuu, “Dhugumaa, anin dhi'oottuu dhufa” jedha. Ee'e jenne! Aabboo Yesus kootti. Eebbitii Aabboo Yesus ha nama cufaa taatuu!