Rabbi jalqaba Ardi'ii fi Samii uume; Ardiin duwwaa turte; womaa isii irra hin turre; dukkanti galaana xiillaa irra ture; Ayyaanni Rabbii bisaan gubbaa socho'aa ture. Kanaan maayessa Rabbi, «Ifti haa ta'uu» jedhe; iftillee hin ta'e. Rabbi ifti akka mishaa ta'e arge; ifaa fi dukkana gara gara baase. Rabbi ifaan «Guyya'a» jedhe; dukkanaan «Halkan» jedhee waame; guyyaan hin galgalaaye; halkanillee hin bari'e; kun guyyaa tokko ta'e. Achiin maayessa Rabbi, «Wonti bisaanii fi bisaan gara gara baasu haa ta'uu» jedhe; Akkaataa kanaan Rabbi qilleensaa fi samii taasise; achiin maayessa Rabbi, «Bisaan qilleensaa fi Sami'ii ol jiranii fi Sami'ii gad jiran gara gara haa bayanii» jedhe; akkasuma ta'e. Rabbi Qilleensa gubba'aatiin, «Sami'i» jedhee waame; guyyaan hin galgalaaye; halkan hin bari'e; kun guyyaa lammeesso'ooti. Kanaan maayessa Rabbi «Akka lafti mudhattu bisaan Sami'ii gad jiru maruu hulee tokkotti wolitti haa qabamuu» jedhe; akkasuma ta'e. Rabbi lafaan «Ardii» jedhe; hulee bisaan hulee tokkotti wolitti qabame saniin, «Galaana» jedhee waame; Rabbi kunillee akka mishaa ta'e arge. Kanaan maayessa Rabbi, «Ardiin biqiltuu'u, sanyii midhaanii, mukkiin daraaraa daraaranii fi biqiltuuwwan gara garaa bifa bifaan haa biqilchituu» jedhe; akkasuma ta'e. Akkaataa kanaan Ardiin biqiltuu'u, sanyii midhaan gara garaatii fi biqiltuuwwan sanyii uf keessaa qaban ka daraaraa gara garaa daraaran biqilchite; Rabbi wonti kun akka mishaa ta'e arge. Guyyaan hin galgalaaye; halkan hin bari'e; kun guyyaa sadeesso'ooti. Kanaan maayessa Rabbi, «Guyya'aa fi halkan akka adda bayan ifti gara garaa sami'ii irra haa ta'anii; kunniin malkata guyyoota, barootaa fi woggoota adda baasan haa ta'anii; akka Ardii irratti ifni ifu Samii irra taa'anii haa ifanii» jedhe; akkasuma ta'e. Akkaataa kanaan Rabbi ifa gugurdaa lamaan uume; ifni guddaan guyyaa; ifni diqqaan halkan akka ifan godhe; akkasuma urjiiwwanillee uume. Rabbi akka isaan lafa irratti ifan ifa kanniin Samii irra kaaye. Wonti inni waan kana godheef akka halkanii fi guyyaa irratti baallii qabaatanii fi ifaa fi dukkana akka adda baasaniif; Rabbi wonti kun akka mishaa ta'e arge. Guyyaan hin galgalaaye; halkan hin bari'e; kun guyyaa arfeesso'ooti. Kanaan maayessa Rabbi, «Bisaan uumamni lubbuu qabu ka sosocho'u ka gara garaa haa guutuu; allaattiiwwanillee Ardi'ii olitti Sami'ii gaditti haa bararanii» jedhe. Akka kanaan Rabbi bineensota gugurdaa galaana keessa, uumama gara garaa ka bisaan keessa jiraatan ka lubbuu qabanii fi sosocho'an akkuma bifa isaaniitiin akkasuma allaattii gara garaa akkuma gosa isaaniitiin uume; Rabbi wonti kun akka mishaa ta'e arge. Rabbi, «Hora'aa baay'adhaa'a; fiixaan keessan bisaan galaanaa haa guutuu; allaattiiwwanillee Ardii irratti haa baay'atanii» jedhee isaan eebbise. Guyyaan hin galgalaaye; halkan hin bari'e kun guyyaa shaneesso'ooti. Kanaan maayessa Rabbi, «Ardiin uumama lubbuu qaban; busaawotaa fi horii akkuma gosa isaaniitiin, uumama gara'aan Ardii irra looyan, busaawota akkuma gosa isaaniitiin haa baaftuu» jedhe; akkasuma ta'e. Akka kanaan Rabbi busaawotaa fi horii lafa irraa akkuma gosa isaaniitiin horii akkuma gosa isaaniitiin, uumama gara'aan lafa irra sosocho'an ka gosa gara garaa uume; Rabbi wonti kun akka mishaa ta'e arge. Kanaan maayessa Rabbi, «Nama bifa keennaan akka fakkeenna keennaatiin haa uumnuu; qurxummiiwwan galaana keessaatii fi allaattiiwwan Sami'ii, hori'ii fi busaawaa, lafa maraa, waan lafa irra sosocho'anii fi looyan maraa haa bulchanii» jedhe. Akkaataa kanaan Rabbi nama bifa ufiitiin uume; bifa Rabbiitiin uume; dhiiraa fi intala godhee isaan uume. Rabbi, «Hora'aa badhadha'aa lafa guutaa'a; qurxummiiwwan galaana keessaa, allaattiiwwan Sami'ii, waan lafa irra socho'an maraa bulchaa'a» jedhee isaan eebbise. Rabbi, «Wonti lafa irra jiru maruu akka nyaata isinii ta'u sanyii midhaanii, daraaraa muka adda addaa kunoo maraa isinii kenneera. Akkasuma busaawaa lafa irraatii, allaattiiwwan sami'iitii, waan lubbuu qabanii fi waan lafa irra socho'an maraaf akka nyaata isaaniif ta'u waan lalisee fi mukkiin maraa isaanii kenneera» jedhe; akkasuma ta'e. Rabbi waan uume maraa hin laale; kunniin maruu guddisee mishaa ture; guyyaan hin galgalaaye; halkan hin bari'e kun guyyaa jaheesso'ooti. Akka kanaan Ardi'ii fi Samiin, wonti Ardi'ii fi Samii keessa jiran maruu raawwataman. Rabbi hujii ufii maraa raawwatee guyyaa torbeesso'ootitti maraa irraa hara baafate. Guyyaan Rabbi hujii waa uumu'uu maraa raawwatee hujii ufii maraa irraa hara itti baafate kana waan ta'eef guyyaa torbeesso'oo woyyoomsee eebbise. Akkaataan Ardi'ii fi Samiin itti uumame akkana; hennaa Rabbi Waandhi Ardi'ii fi Samii uume; Roobni waan hin roobneef, namni lafa kunuunsu waan hin jirreef Ardii irra biqiltuun woyiituu hin jiru ture; biqilli woyiituu hin biqille ture. Haa ta'uu ammo burqaan lafaa ol burqee lafa maraa obaasa'aa ture. Kanaan maayessa Rabbi Waandhi biyyee lafaa fuudhee qamashee funyaaniin hafuura jireennaa itti afuufe; namnillee uumama jiraataa lubbuu qabu ta'e. Rabbi Waandhi jeennata Eedanii baya biiftu'uutitti hulee biqiltu'uu qopheessee nama uume jeennata Eedanii keessa akka jiraatu godhe. Rabbi Waandhi mukkiin adda addaa ka laalchaaf namatti toluu fi ka nyaataaf fayyadan maraa lafa irratti margisiise; akkasuma hulee biqiltu'uu keessatti muka jireennaatii fi muka waan misha'aa fi waan hamaa adda baasee beessisu margisiise. Lanni hulee biqiltu'uu obaasu jeennata Eedanii keessa yaa'a; lanni kun haga Eedanii bayeen maayessa bakka afuritti gara gara qoodamee laga afurii ta'e. Maqaan laga jalqabaa Fiisoon; inni lafa Eewulaax jedhamu ka worqiin keessatti argamu maraa keessa yaa'a. Worqiin biyya sanii qulqulluu ture; achi keessatti dhagaa gatii gudda'aatii fi urgooftuu gatii mi'a'aatitu argama. Maqaan laga lammeesso'oo Giyoon; inni naannaya biyya Itoophiya'aa maraa irra yaa'a. Maqaan laga sadeesso'oo Xeegroos; inni Asooriin cinaa gara baya biiftu'uutiin yaa'a; Maqaan laga arfeesso'oo Efraaxis. Kanaan maayessa Rabbi Waandhi nama fuudhee akka Eedaniin hulee biqiltu'uu kunuunsuu fi akka eegu achi keessa jiraachise. Rabbi Waandhi, «Daraaraa muka hulee biqiltu'uu keessa jiru maraa hin nyaatta; daraaraa muka waan misha'aa fi waan hamaa beessisu ammo hin nyaatin; gaafa isa irraa nyaatte du'a duuta» jedhee ajaje. Kanatti aansee Rabbi Waandhi, «Namni hojja jiraachuun misha'aa miti; kanaafuu gargaaraa isaa tolu haa uumnuufii» jedhe. Rabbi Waandhi biyyee Ardii irraa fuudhee busaawaa Ardi'iitii fi allaattiiwwan Sami'ii maraa uumee maqaa attamii akka inni isaanitti baasu laalu'uuf gara Aadamii isaan fide; maqaan Aadam uumama jiraataa marattuu baase maqama amma ittiin waamama'aaran kana. Akkaataa kanaan Aadam horii, allaattiiwwanii fi busaawaa maraaf maqaa baase; Aadam ammo gargaaraa akka isaa hin arganne ture. Kanaan maayessa Rabbi Waandhi Aadamiin hirriba guddaa itti buusee raffisee cinaacha isaa keessaa lafee tokkittii fuudhee, hulee san fooniin cufe; Rabbi Waandhi lafee cinaacha Aadamii keessaa fuudhe, intala godhee hojjatee gara Aadamii isii fide. Aadam «Lafeen tun lafee tiyya irraa; foon kunillee foon kiyya irraa, isiin waan dhiira irraa argamteef ‹Intala› haa jedhamtuu» jedhe. Kanaafuu namni abba'aa fi haadha ufii hin dhiisa, haadha manaa ufiitiin wolitti maxxana; lamaanuu foon tokko ta'an. Aadamii fi haati manaa qullaa turan; ammo wol hin saalfatan. Bofni bineensa Rabbi Waandhi lafa irratti uume maraa caalaa hamaa ture; kanaafuu inni dubartitti'iin, «Dhugamaan Rabbi daraaraa muka hulee biqiltu'uu kana keessa jiran maraa hin nyaatinaa'a isiniin jedheeraa?» Jedhee isii gaafate. Dubartittiinillee bofaan, «Daraaraa muka hulee biqiltu'uu kana keessa jiru hin nyaanna; ammo Rabbi, ‹daraaraa muka hulee biqiltu'uu jiru kana keessaa daraaraa muka kanaa irraa hin nyaatinaa'a; hin tuqinalle'e; yoo kana gootan hin duutanii› jedhee nu seereera» jettee deebifteef. Bofnillee dubartitti'iin, «Dhugamaan du'a hin duutan; Wonti Rabbi waan kana isin ajajeef gaafa isii irraa nyaattan ijji teessan akka banamtu, akka isin waan misha'aa fi waan hamaa maraa adda baaftanii beettan waan beekuuf» isi'iin jedhe. Dubartittiin daraaraa mukaa san yoo laaltu nyaataaf mishaa; laalcha ijaatiifillee ka nama dharraasisuu fi ka nama ogoomsu akka ta'e hennaa argite daraaraa san fuutee nyaatte; akkasuma abbaa manaa ufiitiifillee hin kennite, innillee isii woliin nyaate. Ijji lamaaniituu hin baname; isaanillee akka qullaa ta'an beekan; kanaafuu baala muka hurbu'uu wolitti hodhanii marxifatanii qullaa nafa ufii dhoffatan. Isaan hennaa galgalaaye Rabbi Waandhi hulee biqiltu'uu keessa uduu deemu laagaa isaa dhagayanii Aadamii fi haati manaa isaa Rabbii Waaqa afo'oo hulee biqiltu'uu keessatti jalaa dhokatan. Garuu Rabbi Waandhi Aadamiin waamee «Eessa jirta?» Jedhee isa gaafate. Innillee, «Hulee biqiltu'uu keessatti laagaa kee dhagayee waan qullaa jiruuf si sodaadhee dhokadhe» jedheen. Rabbillee, «Akka qullaa taate eentu sitti hime? dhugamaan daraaraa muka ani irraa hin nyaatin jedhee si ajaje irraa fuutee nyaattee?» jedheen. Aadamillee «Intala ati akka na woliin jiraattuuf naa kennitetu daraaraa mukaa san irraa fuutee naa kennitee nyaadhe» jedhe. Rabbi Waandhi dubartitti'iin «Wonti ati goote kun maali'i?» Jedhee isii gaafate; isiinillee, «Bofatu na sobee nyaadhe» jette. Kanaan maayessa Rabbi Waandhi bofaan, «Ati waan kana gooteef busaawa'aa fi bineensota maraa irraa adda baatee abaaramaa taata; adha irraa jalqabii gara'aan lafa irra looyi; bara jiraattu maraa biyyee nyaatta; Si'ii fi dubartii tana jidduu, fiixaa keetii fi fiixaa isi'ii jidduu diina akka ta'an godha. Inni mataa kee mushurussa; atillee koomee isaa iddita» jedheen. Dubartitti'iinillee, «Hennaa ulfoofte rakkinna sitti guddisa; hennaa deettullee ciniinsuu sitti jabeessa; hawwiin kee gara abbaa manaa keetii ta'a; inni si bulcha» jedheen. Aadamiinillee, «Ati jecha haadha manaa teetii dhageettee daraaraa mukaa ka ani ‹Hin nyaatin› jedhee si ajaje fuutee waan nyaatteef; sababaa keetiif ardiin ta abaaramte haa taatu; ati bara jireenna keetii maraa isii irratti hojjattee dadhabbi'iin nyaatta. Ardiin qore'ee fi ashookallaa baafti; atillee waan lafaa biqile nyaatta. Haga gaafa biyyee irraa uumamteetitti deebitutti, hojjattee fuuruu keetiin nyaatta; biyyee waan taateef gara biyye'ee deebita» jedheen. Aadam haati manaa isaa waan uumama lubbuu qabu maraaf haadha taateef «Hawwaa» jedhee maqaa itti baase. Rabbi Waandhi Aadamii fi Hawwaa gogaa irraa uffata hojjatee isaanitti uwwwise. Rabbi Waandhi, «Aadam waan hama'aa fi waan mishaa gara gara baasee beeku'uun kunoo akkuma keenna ta'e; ammallee deebi'ee harka ufii hiixatee daraaraa muka jireennaa san irraa fudhatee akka hin nyaanne; baraa haga bara baraallee akka hin jiraanne» jedhe. Kanaafuu Rabbi Waandhi Aadamiin Eedaniin hulee biqiltu'uu keessaa baasee akka inni lafa irraa uumame qotu godheen. Haga Aadamiin baaseen maayessa Eedaniin hulee biqiltu'uu gara baya biiftu'uu maleekkota kiruubeel jedhamanii fi guraadee gara lamaaniin akka ibiddaa mallisu gara maraanuu kaaye. Aadam haadha manaa ufii Hawwaa bira gaye; isiin ulfooftee ilma deette; isiin, «Gargaarsa Rabbiitiin ilma argadhe» jettee maqaa «Qaa'el» jettee itti baafte. Ammallee deebitee obboleessa isaa Aabeeliin deette; Aabeel tissee hoolotaa ta'e; Qaa'el ammo lafa qota ture. Guyyaa baay'e'een maayessa Qaa'el waan qote keessaa kennaa Rabbii dhiyeesse. Aabeelillee tika hoolotaa keessaa korbeessa dura dhalate qalee cooma isaa ciincaa Rabbii dhiyeesse; Rabbillee gara Aabeeliitii fi gara ciincaa isaa laale. Gara Qaa'eliitii fi gara kennaa isaa ammo hin laalle; Qaa'el guddisee aaree fuulli isaa gurraachate. Hennaa san Rabbi Qaa'eliin, «Maaf aarte? Maaf aartee fuulli kee gurraachate? Uduu waan mishaa gooteerta ta'ee silaa fuulli kee hin ifaamii? yoo waan mishaa hin goone ammo cubbuun balbala kee jalatti riphxee si eega'aarti isiin si argachuu feeti; ati ammo isii irratti mooyuu si barbaachisa» jedheen. Kanaan maayessa Qaa'el obboleessa ufii Aabeeliin «Koottu gara raasa'aa baanaa» jedheen; haga gara raasa'aa deeman Qaa'el akka diinaatitti itti ka'ee obboleessa ufii Aabeeliin ajjeese. Rabbi Qaa'eliin, «Obboleessi kee Aabeel eessa jira?» jedhee gaafate; Qaa'elillee «Eessa akka jiru ani hin beeku; ani tissee obboleessa kiyyaatii?» jedhee deebiseef. Rabbi Qaa'eliin «Maal gooteen? dhiinni obboleessa keetii ka jige lafa irraa gara kiyya iyya'aara; Amma dhiinni obboleessa keetii harka kee irra jira; lafa akka afaan bantee dhiiga obboleessa keetii dhuddu goote irratti ati abaarama'a. Lafallee yoo qotte womaa sii hin kennitu; lafa irrattillee baqata'aa fi yaantaree taata» jedheen. Qaa'el Rabbiin, «Cubbuun kiyya guddaa waan ta'eef ani baadhachuu hin danda'u; Ati adha lafa irraa na ariite ani si afo'oo dhokadha; lafa irratti baqata'aa fi yaantaree ta'a; kanaafuu namni na arge maruu na ajjeesa» jedheen. Rabbi ammo, «Eennullee si hin tuqu; nama si ajjeese adabbii dachaa torbaatiin haluu isa baya» jedheen; kanaafuu Rabbi namni Qaa'eliin arge maruu akka isa hin ajjeefne malkata addaa itti godhe. Kanaan maayessa Rabbiin afo'oo fagaatee deemee Eedeniin karaa baya biiftu'uutiin biyya «Nood» jedhamtu keessa jiraate. Qaa'el haadha manaa ufii bira gaye; isiinillee ulfooftee Heenoohiin deette; qachaa ijaaree, maqaa qachaa saniillee maqaa ilma ufii «Heenooh» jedhee itti baase. Heenoohillee Gaayidaadiin uumate; Gaayidaad Mee'eeliin uumate; Mee'eeli Maatusaa'eliin uumate; Maatusaa'el Laamehiin uumate; Laamehi haadha manaa lama fuudhe; maqaan ta duraa Aada'a; ta lammataa Seela'a. Aadaan Yaabaaliin deette; inni abbaa worra horii horsiisa'aa daasee keessa jiraataniiti. Maqaan obboleessa isaa Yuubaal; inni abbaa worra kiraara taphatuutii fi ka worra boobaa afuufaniiti. Seelaan Tubalqaayinii meeshaa sibiila diima'aa fi sibiila gurraacha irraa tuma'aa hojjatu deette; obboleettiin Tubalqaayinii Naa'imaa turte. Laamehi haawwota manaa ufii «Aada'aa fi Seela'aan, «Isin waan ani isiniin jedhu dhagayaa'a; dubbii kiyyallee caqasaa'a; ani ka'imtichi tokko dhayee waan na madeesseef hin ajjeeseen; Yoo Qaa'eliin dachaa torba haluu bayan Laamehiin ammo dachaa torbaatamii torba haluu bayan» isaaniin jedhe. Aadam ammallee haadha manaa ufii bira gaye; isiinillee ulfooftee ilma deette; isiin «Bikka Qaa'el Aabeeliin ajjeese Rabbi ilma naa kenne» jettee maqaa isaa «SEET» jetteen. Seetillee ilma uumate; maqaa isaa «Heenoos» jedheen. Namoonni bara san maqaa Rabbii waamuu jalqaban. Fiixaan Aadamii kana; Rabbi gaafa Aadamiin uume, akka fakkeenna ufiitiin uume. Dhiiraa fi intala godhee uumee isaan eebbise; maqaa isaaniillee gaafuma isaan uume «Nama» jedhee isaanitti baase. Aadam woggaa dhibbaa fi soddoma gayee ilma bifaa fi fakkeennaan isa fakkaatu uumate; maqaa ilma ufii «Seet» jedhee itti baase. Kanaan maayessa Aadam haga Seetii uumate woggaa dhibba saddeet gayee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa uumate. Aadam woggaa dhibba sagalii fi soddoma jiraatee du'e. Seetillee woggaa dhibbaa fi shan gayee Heenoosiin uumate; Seeti haga Heenoosiin uumateen maayii woggaa dhibba saddeetii fi torba gayee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa uumate; Seet woggaa dhibba sagalii fi kudha lama jiraatee du'e. Heenoos woggaa sagaltama hennaa ta'e Qaayinaaniin uumate; Heenoos Qaayinaaniin haga uumateen maayii, woggaa dhibba saddeetii fi kudha shan gayee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa uumate; Heenoos woggaa dhibba sagalii fi shan jiraatee du'e. Qaayinaan woggaa torbaatama gayee Malaali'eeliin uumate; Qaayinaan Malaali'eeliin haga uumateen maayii, woggaa dhibba saddeetii fi afurtama gayee ijoollee biraa ta dhiiraatii fi intalaa uumate; Qaayinaan woggaa dhibba sagalii fi kudhan jiraatee du'e. Malaali'eel woggaa jahaatamii shan gayee Yaareediin uumate. Malaali'eel Yaareediin haga uumateen maayii woggaa dhibba saddeetii fi soddoma gayee ijoollee biraa ta dhiiraatii fi ta intalaa uumate; Malaali'eel woggaa dhibba saddeetii fi sagaltamii shan jiraatee du'e. Yaareed woggaa dhibbaa fi jahaatamii lama gayee Heenookiin uumate; Yaareed haga Heenookiin uumateen maayii woggaa dhibba saddeetii gayee, ijoollee biraa ta dhiiraatii fi ta intalaa uumate; Yaareed woggaa dhibba sagalii fi jahaatamii lama jiraatee du'e. Heenooki woggaa jahaatamii shan gayee Maatusaalaa uumate; Kanaan maayessa Heenooki karaa Rabbii qabatee Maatusaalaallee haga uumateen maayii woggaa dhibba sadihii gayee ijoollee biraa ta dhiiraatii fi intalaa uumate; Heenooki woggaa dhibba sadihii fi jahaatamii shan jiraate. Heenooki waan Rabbiin wolii galee jiraateef Rabbi isa fudhate; innillee hin argamne. Maatusaalaan woggaa dhibbaa fi saddeettamii torba gayee Laamehiin uumate; Maatusaalaan haga Laamehiin uumateen maayii woggaa dhibba torbaa fi saddeettamii lama jiraatee ijoollee biraa ta dhiiraatii fi ta intalaa uumate. Maatusaalaan woggaa dhibba sagalii fi jahaatamii sagal jiraatee du'e. Laamehi woggaa dhibbaa fi saddeettamii lama gayee ilma uumate. Maqaa ilma ufii «Lafa Rabbi abaare irratti hujii keenna ulfaata'aa fi xaarii teenna irraa hara nu baafachiisa» jedhee «Noohi» jedhee itti baase. Laamehi haga Noohiin uumateen maayii woggaa dhibba shanii fi sagaltamii shan gayee ijoollee biraa ta dhiiraatii fi ta intalaa uumate; Laamehi woggaa dhibba torbaa fi torbaatamii torba jiraatee du'e. Noohi haga woggaa dhibba shanii ta'een maayessa ijoollee dhiira sadihi uumate; isaan Seem, Kaamii fi Yaafeetiin fa'a. Hennaa fiixaan namaa lafa irratti baay'ata'aa deeme ijoolleen intallanii isaanii dhalatan. Hennaa san Ijoolleen Rabbii ijoollee namaa ta intallanii sanniin akka babbareeddan ta'an arganii worra jiran maraa keessaa filatanii fuudhan. Rabbi hennaa san, «Hafuurri Kiyya ka jireenna kennu baraa haga bara baraa isaan woliin hin jiraatu; namni waan foon uffataa ta'eef ammaa achi barri isaa woggaa dhibbaa fi diddama caalaa hin jiraatan» jedhe. Bara san worri «Neefliim» jedhaman ka hojjaan isaanii dhedheera'aa fi ka hunnaan nama caalan lafa irra jiran ture; achiin maayii ijoolleen Rabbii ijoollee intallanii ta namaa fuudhanii ijoollee uumatan; isaan bara san jajjaboota maqaan isaanii beekkame ta'an. Rabbi akka hammeenni namaa lafa irratti baay'atee fi yaanni onnee isaa hennaa maraa sirima akka hamaa ta'e arge. Kanaafuu Rabbi ilma namaa waan lafa irratti uumeef jibbee guddisee gadde. Sababaa kanaaf Rabbi, «Ani waan isaan uumeef hin gadde; kanaafuu namoota uume kanniin, busaawaa, uumama gara'aan lafa irra looyanii fi allaattiiwwanillee lafa irraa balleessa» jedhe. Noohi ammo Rabbiin afo'otti gaachena argate. Fiixaan Noohii kana; inni dhaloota bara sanii keessatti nama qajeela'aa fi ka dhidhinna hin qabne ture; Noohi karaa Rabbii qabate. Noohi ijoollee dhiiraa sadihi Seem, Kaamii fi Yaafeetiin uumate; Hennaa san namoonni lafa irra jiraatan maruu Rabbiin afo'otti hammeeyyii turan; laftillee hammeennaan guuttamtee turte. Rabbi hennaa adunyaa laalu ta battooftee fi namoonni isii keessa jiraatan ka foon uffatan maruu akka waan hamaa hojjata'aa jiraatan arge. Rabbi Noohiin, «Ani fiixaa namaa balleessu'uuf murteesseera; lafti hujii hamaa namoonni hojjataniin waan guuttamteef namoota lafa woliin hin balleessa; ati ammo muka misha'aan markaba hojjadhu; markaba keessatti kutaa heddu hojjadhu; duraa duuba isaa ham'e'een xaallali. Markaba dheerinna isaa ciqilee dhibba sadihii, dalga isaa ciqilee shantamaa, ol fageenna ciqilee soddomaa godhi. Markabaa foddaa hojjadhu; ol fageenna isaa ciqilee tokko guutuu dhiiftee raawwatta; balbala markabaa laddaan godhi; balbala gad aanu lammeesso'oo fi sadeessoollee dachaa godhi. Ani waan lubbuu qabu ka Sami'ii gad jiru maraa balleessu'uuf lafa irratti bisaan badi'ii fidaa; uumamni lubbuu qabu ka lafa irra jiru maruu hin bada. Ani ammo si woliin waadaa gala; atii fi haati manaa tee, ijoolleen teetii fi haawwonni manaa ta ijoollee teetii gara markabaa seenaa'a. «Waan lubbuu qabu ka lafa irra jiru maraa keessaa dhala'aa fi kormaa lama lama godhii markabatti seensisi. Gosa allaatti'ii keessaa, busaawaa keessaa akka gosa isaaniitiin, waan gara'aan lafa irra looyanii fi waan sosocho'an maraa akka gosa isaaniitiin akka lubbu'uun jiraataniif lama lama ta'a'aa markaba haa seenanii; Akkasuma waan nyaataaf ta'u maraa wolitti qabadhu; kun si'ii fi isaaniillee nyaata ta'aa» jedheen. Noohillee waan Rabbi isa ajaje maraa godhe. Rabbi Noohiin, «Maatii kee maraa fudhadhuutii markaba seeni; dhaloota bara kanaa keessaa ati qajeelaa akka taate argeeraa. Guyyaa torbaan maayii guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa lafa irratti rooba roobsee uumama maraa lafa irraa waan balleessuuf» jedheen. Noohillee waan Rabbi isa ajaje maraa godhe. Hennaa bisaan badi'ii lafa irratti roobe, Noohi nama woggaa dhibba jahaa ture. Noohi badii bisaanii jalaa oolu'uuf ijoolle'ee fi haadha manaa ufii, haawwota manaa ilmaan ufii qabatee markaba seene. Busaawaa qulqulluu namni nyaatuu fi busaawaa battii namni hin nyaanne, allaatti'ii fi wonti gara'aan lafa irra looyanii fi munyuuqan maruu akkuma Rabbi ajaje lama lama dhala'aa fi kormaa ta'a'aa markaba Noohii keessa seenan. Guyyaa torbaan maayessa bisaan badi'ii lafa fudhate. Noohi dhalatee wogga dhibba jaheesso'oo ji'a lammeesso'oo guyyaa kudha torbeesso'ootitti burqaan gugurdaan maruu dhooye, gubbaan Sami'iillee banamee, roobni guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa lafatti roobe. Gaafuma san Noohii fi haati manaa isaa, ijoolleen isaallee Seem, Kaam, Yaafeetii fi dubartoonni ijoollee Noohii sadiinuu isa woliin seenan. Busaawaan maruu, horiin, wonti lafa irra loowuu fi munyuuqu, Allaattiin, simbirti barartuu fi wonti lubbuu qabu ka foon uffate maruu, akka gosa isaaniitiin lama lama ta'a'aa markaba Noohii keessa seenan. Achiin maayessa uumamni lubbuu qabu maruu akkuma Rabbi ajaje dhala'aa fi kormaan markaba seenan; Rabbi balbala markabaa duubaan itti cufe. Bisaan badi'ii guyyaa afurtamaa lafa irra turee baay'atee markaba lafa irraa ol kaase; Bisaan guddatee lafa irra garagale, markabni bisaan gubbaa deeme. Bisaan lafa irra guutee guddisee cambalaqee gaarran gugurdaa lafa irraa maraa dhosse. Bisaan ciqilee kudha shanii gaarran irra ol fagaatee gaarran dhosse. Namni kamuu, allaattiiwwan maruu, busaawaan maruu, wonti gara'aan lafa irra loowuu fi ka munyuuqu maruu uduu hin hafin badan. Wonti lafa irra jiraatu ka hafuura baafatu ka lubbuu qabu maruu hin dhuman. Wonti lafa irra jiru maruu nama irraa jalqabee haga waan lafa irra munyuuqanii, haga allaattii Samii irra bararanii maruu lafa irraa barbadaayan; worri du'a hafan Noohii fi worra markaba keessa isa woliin jiran calla'a. Bisaanillee haga guyyaa dhibbaa fi shantamaa lafa irraa hin dhidhanne ture. Rabbi Noohii fi worra markaba keessaa, busaawa'aa fi horii maraa yaadate; akka qilleensi lafa irratti bubbisu godhe; bisaanillee dhidhachuu jalqabe. Burqaawwan lafa jalaa, balbalti bisaan bu'uun ka Samii jiran maruu hin cufaman; roobni Sami'ii roobullee hin dhaabate. Bisaan suutuma suutaan lafa irraa dhidhachuu jalqabe guyyaa dhibbaa fi shantamaan maayessa bisaan lafa irraa guddisee dhidhate. Markabnillee ji'a torbeesso'oo guyyaa kudha torbeesso'ootitti gaarran «Araaraatii» keessaa qaccee gaara tokkoo irra teette. Bisaanillee haga ji'a kudhaneesso'oo dhidhata'aa deeme; ji'a kudhaneesso'oo guyyaa jalqabaatitti qacceen gaarranii mudhate. Guyyaa afurtamaan maayii Noohi foddaa markabaa banee harraagessa erge; harraagessillee bayee haga bisaan lafa irraa goguu olii gad barara'aa ture. Kanaan maayessa Noohi akka bisaan lafa irraa dhidhate beeku'uuf handarii takka erge. Haa ta'uu ammo bisaan lafa maraa waan dhosseeruuf hulee irra teettu dhabdee gara Noohii deebite; innillee harka hiixatee fuudhee markaba keessa seensise. Achiin maayii haga guyyaa torbaa turee, ammallee handarii erge. Isiinillee baala ejersaa jiidhaa afaanitti qabattee galgala gara isaa deebite; akkaataa kanaan Noohi akka bisaan lafa irraa dhidhate beeke. Ammallee guyyaa torbaan maayii handarii erge, isiin uduu gara isaa hin deebine achumaan hafte. Bara umuriin Noohii woggaa dhibba jahaa fi tokko ta'u ji'a duraa guyyaa jalqabaa bisaan lafa irraa goge; Noohi ginnoo markaba irraa ol kaasee akka bisaan lafa irraa goge arge. Ji'a lammeesso'oo guyyaa diddamii torbeesso'ootitti bisaan sirima lafa irraa goge. Rabbi Noohiin akkana jedhe, «Ati haadha manaa tee, ijoollee teetii fi dubartoota ijoollee teetii fudhadhuutii markaba keessaa bayi; Busaawaan si woliin jiru namni kamuu, allaatti'ii fi horiin, wonti gara'aan lafa irra looyanii fi wonti munyuuqan maruu si woliin bayanii lafa irra haa yaa'anii; horanii lafa haa guutanii» Noohi ijoollee ufii, haadha manaa ufiitii fi dubartoota ijoollee ufii qabatee baye. Busaawaan, wonti gara'aan lafa irra looyanii fi wonti munyuuqan, allaattiinii fi wonti lafa irra yaa'u maruu akkuma gosa isaaniitiin markaba keessaa bayan. Noohi hulee Rabbii ciincaa itti dhiyeessu hojjatee busaawota qulqullu'uu fi allaattii qulqulluu maraa keessaa fuudhee hulee Rabbii ciincaa itti dhiyeessu irratti ciincaa Rabbii dhiyeesse. Rabbillee urgaa mishaa san urgeeffatee garaa ufii keessatti «Ani waan namaatiif lamuu lafa hin abaaru; waan yaanni onnee namaa diqqeenna irraa jalqabee hamaa ta'eef akkasuma akkuma tanaan dura godhe waan lubbuu qabu maraa lamuu hin balleessu. «Haga lafti jirtu, facaasu'uu fi haamuu'u, oo'aa fi qabbanti bonaa ganninii fi halkanii fi guyyaan uduu addaan hin cinne jiraata» jedhe. Rabbi Noohii fi ijoollee isaa akkana jedhee eebbise, «Horaa'a, badhadhaa'a, lafa guutaa'a; Busaawaan lafaa, allaattiin Samii irra bararu, wonti gara'aan lafa irra looyu, ka munyuuquu fi qurxummiin galaana keessaa maruu hirphaa fi gaachena keessan sodaata'aa isin jalatti haa bulanii. Wonti sosocho'u ka lubbuu qabu maruu nyaata keessan haa ta'anii; isaan maraa akka biqila laliseetitti isinii kenneera. Haa ta'uu ammo waan lubbuun dhiiga keessa jiraattuuf foon dhiiga qabu hin nyaatinaa'a; Namni nama ajjeese maruu dhiiga nama du'ee saniif hin gaafatma; dhiiga nama du'ee yoo busaawaanillee ajjeese isuma gaafadha. Namni waan bifa Rabbiitiin uumameef nama dhiiga namaa jissu dhiiga isaatitu jiga. «Isinillee horaa'a, badhadhaa'a, fiixaan keessan lafa haa guutuu.» Kanaan maayessa Rabbi Noohii fi ijoollee isaatiin, «Ani waadaa kiyya isinii fi fiixaa keessan ka isiniin maayessa dhufu woliin dhaaba; Akkasuma uumama lubbuu qabu ka si woliin markaba keessaa bayan, allaattiiwwan, horii, busaawaa lafa irra jiru maraafuu waadaa gala. Akkuma waadaa isinii gale ammaa achi uumamni lubbuu qabu maruu deebi'ee bisaan badi'iitiin hin badu; bisaan badi'ii deebi'ee lafa hin balleessu» jedhe. Rabbi, «Anaa fi isin jidduu'u, waan lubbuu qabu ka isin woliin jiru maraa jidduu'u, malkanni waadaa kiyyaa ka bara baraaf dhaabu kana. Funyaan karaabaa duumessa irra godha; malkanni waadaa kiyyaa anaa fi lafa jidduu ta'a; Hennaa duumessa lafa irratti badhisu funyaan karaabaa duumessa keessaan mudhata. Waadaa anaa fi isin jiddu'uu, foon uffataa lubbuu qabu maraa waan yaadadhuuf ammaa achi waan lubbuu qabu maraa bisaan badi'iitiin hin balleessu. Hennaa funyaan karaabaa duumessa keessatti mudhatu maraa waadaa kiyya ka bara baraa ka anaa fi foon uffataa lubbuu qabu maraa jidduu jiru hin yaadadha» jedhe. Rabbi Noohiin «Malkanni waadaa kiyyaa ka anaa fi uumama lubbuu qabu maraa jidduu jiru ka ani yaadadhu kana» jedheen. Ijoolleen Noohii ka markaba keessaa bayan Seem, Kaam fi Yaafeet; Kaam abbaa Kana'aaniiti. Ijoolleen Noohii sadiin kanniin; horteen amma lafa guute maruu hortee ijoollee Noohiiti. Noohi biqiltuu woyini'ii dhaabu'uun qonnaan bulaa jalqabaa ta'e. Gaaf tokko Noohi daadhii woyini'ii dhugee machaayee daasee keessatti uffata mulqatee qullaa rafe. Kaam abbaan Kana'aanii abbaan isaa qullaa akka ta'e argee diida bayee ilmaan haadhaa ufii lamaanitti hime. Seemii fi Yaafeet uffata fuudhanii gurmuu ufii dudda duubatti qabatanii duubaan deemanii qullaa abbaa ufii dhossan; duubaan waan isatti deemaniif qullaa abbaa ufii hin argine. Noohi haga machiin irraa bade waan ilmi isaa ka maandha'aa godhe beekee; «Kana'aan abaaramaa haa ta'u! garbicha garboota ilmaan haadhaa haa ta'uu! Ammallee akkana jedhe galanni Rabbii Waaqa Seemi'iitiif haa ta'u! Kana'aan garbicha Seemii haa ta'u! Rabbi daangaa Yaafeetii haa badhisu! daasee Seemii keessa haa jiraatu!; Kana'aan garbicha Yaafeetii haa ta'u» jedhe. Noohi bisaan badi'iitiin maayessa woggaa dhibba sadihii fi shantama jiraate. Noohi woggaa dhibba sagalii fi shantama jiraatee du'e. Horteen ijoollee Noohii Seemi, Kaamii fi Yaafeetiin fa'a; bisaan badi'iitiin maayessa ijoolleen isaanii dhalatan. Ijoolleen Yaafeetii Gaameer, Maagoog, Maadee, Yaawaan, Toobeel, Moosaa fi Teeraasiin fa'a. Ijoolleen Gaameerii Askanaaz, Riifaatii fi Teergaamaa fa'a. Ijoolleen Yaawaanii Eliisaa, Tarsees, Kitiimii fi Roodiin fa'a. Kanniin maraa keessaa gara hulee bisaaniin marfamte ta orma maraa, gara lafa isaanii akka afaan isaaniitiin, akka gosa isaaniitii fi akka banii isaaniitiin qoqqoodamanii jiraata'aa turan. Ijoolleen Kaamii Kuush, Mitsiraayim, Fuuxii fi Kana'aaniin fa'a. Ijoolleen Kuushii Saabaa, Ewulaax, Sabtaa, Raa'ima'aa fi Sabaqaataa fa'a; ijoolleen Raa'ima'aa Saabaa fi Didaaniin fa'a. Kuush Naamruudiin uumate; inni lafa irratti janna ta'e. Waan Rabbi janna dhadhooltuu isa taasiseef «Janna dhadhooltuu akka Naamruudii» jedhame. Biyyi inni jalqaba bulche biyya Sanaa'oorii Baabiloon, Ooreek, Arkaadii fi Kaalnee fa'a. Achiillee bayee gara biyya Asoorii dhaqee qachoota Nanawwe'ee, Rahobootii fi Kaalaahiin ijaare; Akkasuma qachaa guddaa Reeseen jedhamu qachoota Naanawe'eetii fi kaalaahiin jiddu'utti ijaare. Mitsiraayim, Luudiim, Aanaamiim, Lahibiim, Niftaaleem, Fatruusiim, Kaashuumii worri Filisxeemii irraa horee fi Qaftoorimiin uumate. Kana'aanillee ilma ufii ka hangafaa Siidooniin, Keexota, Worra Iyyaabusootaa, Amoorota, Gergesaanota, Ewiyaanota, Aruukeewooniin, Siinii, Araadeewoonii, Samaariwoonii fi Amaatiiniin uumate; kanaan maayessa gofti Kana'aanii adda faca'e. Daangaan Kana'aanotaa Siidona'aa ka'ee gara Geerara'aatiin haga Gaaza'aati; gara Soodoomii fi Gamoora'aa gama Adaama'aatii fi Sabooyiitiin daangaan isaa haga laasa'aati. Ijoolleen Kaamii akka gosa isaaniitii fi afaan isaaniitiin worri lafaa fi banii isaanii keessa jiraatan kanniin fa'a. Seemiillee akkasuma ijoolleen dhalataniif; inni obboleessa hangafaa ka Yaafeetiiti; inni ijoollee Eeboorii maraafuu abba'a. Ijoolleen Seemii Eelaam, Asoor, Arfaakisd, Luudii fi Aaraamiin fa'a. Ijoolleen Aaraamii Uuts, Huul, Geteerii fi Moosaa fa'a. Arfaakisd Qaayiniimiin uumate; Qaayiniim Saalaa, Saalaan Eebooriin uumate. Eeboor ijoollee lama uumate; maqaan ka hangafaa Faaleeq; bara inni dhalate waan baniin qoqqoodameef. Maqaan obboleessa isaa Yooqxaan. Yooqxaanillee Eelmoodaadiin, Saaleefiin, Haasramootiin, Yaaraahiin, Adooraam, Awuzaaliin Daqlaaniin, Obaaliin, Abimaa'eeliin, Saabaaniin, Ofriiniin, Ewlaaxiinii fi Yoobaabiin uumate. Kunniin maruu ijoollee Yooqxaaniiti. Huleen isaan jiraatanillee Maase'ee jalqabee haga gaara Sifaarii baya biiftu'uuti. Ijoolleen Seemii akka gosa isaaniitii fi akka afaan isaaniitiin, akka banii isaaniititti kanniin. Gofti ijoollee Noohii akka hortee isaaniitii fi banii isaaniitiin kanniin fa'a; baniin maruu bisaan badi'iitiin maayessa gosa kanniin irraa qoqqoodamanii jiraata'aa turan. Bara san baniin lafa irraa maruu afaan tokko dubbatan ture. Namoonni baya biiftu'uutii hennaa ka'an Sanaa'oritti raasaa tokko arganii achitti quphatan. «Koottaa'a biyyee faara dhoofnee ibiddaan gubnee hojjannaa» woliin jedhan; Faarri sunillee gogee akka dhaga'aa isaanii ta'e; akka kanaan faara hojjatan argatan; bikka dhaga'aa faara biyyee irraa hojjatame ham'e'een wol qabsiisanii, «Koottaa'a qachaa lafa irraa haga Sami'ii gawu, gamoo ijaarannee lafa irratti uduu hin bittinnoofne ittiin gurra baanaa» jedhan. Kanaan maayessa Rabbi gamo'oo fi qachaa ijoolleen Aadamii ijaarte laalu'uuf gad bu'e. Rabbi, «Isaan gosa tokko, afaan tokko dubbatan, wonti isaan godhan kun ka jalqabaati; akkaataa kanaan waan karoorfatan maraa hin dadhaban. Kanaafuu koottaa'a buunee akka isaan wolii hin galle afaan isaanii adda adda goonaa» jedhe. Kanaan maayessa Rabbi lafa maraa irra isaan bittinneessinaan qachaallee ijaaruu dhiisan. Kanaaf maqaan isi'ii Baabiloon jedhame waan Rabbi achitti afaan banii biyya lafaa maraa wol milissee isaan tamsaaseef. Horteen Seemii kana; Seem bisaan badi'iitiin maayessa woggaa lamaa turee Arfaakisdiin uumate; hennaa san inni nama woggaa dhibbaati. Seem haga Arfaakisdiin uumateen maayessa woggaa dhibba shanii jiraatee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa uumatee du'e. Arfaakisd woggaa dhibbaa fi soddomii shanii jiraatee Qaayiniimiin uumate. Arfaakisd Qaayiniimiin haga uumateen maayessa woggaa dhibba afurii jiraatee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa uumatee du'e. Qaayiniimillee woggaa dhibbaa fi soddoma jiraatee Saalaa uumate; Qaayiniim haga Saalaa uumateen maayessa woggaa dhibba sadihii fi soddoma jiraatee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa uumatee du'e. Saalaanillee woggaa dhibbaa fi soddoma jiraatee Eebooriin uumate. Saalaan Eebooriin haga uumateen maayessa woggaa dhibba sadihii fi soddoma jiraatee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa uumatee du'e. Eeboorillee woggaa dhibbaa fi soddomii afurii jiraatee Faaleeqiin uumate. Eeboor Faaleeqiin haga uumateen maayessa wogga dhibba afurii fi soddoma jiraatee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa uumatee du'e. Faaleeqillee wogga dhibbaa fi soddomaa jiraatee Raagiwuuniin uumate. Faaleeq haga Raagiwuuniin uumateen maayessa woggaa dhibba lamaa fi sagal jiraatee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa ta biraallee uumatee du'e. Raagiwuunillee woggaa dhibbaa fi soddomii lama jiraatee Seeroohiin uumate. Raagiwuun Seeroohiin haga uumateen maayessa woggaa dhibba lamaa fi torba jiraatee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa ta biraallee uumatee du'e. Seeroohi woggaa dhibbaa fi soddoma jiraatee Naakooriin uumate. Haga Naakoor dhalateen maayessa Seeroohi woggaa dhibba lama jiraatee ijoollee dhiiraatii fi intalaa ta biraallee uumatee du'e. Naakoorillee woggaa dhibbaa fi sagal jiraatee Taaraa uumate. Naakoor haga Taaraa uumateen maayessa wogga dhibbaa fi diddamii sagal jiraatee ijoollee dhiiraatii fi intalaa ta biraallee uumatee du'e. Taaraanillee woggaa dhibba jiraatee Abraam, Naakoorii fi Haaraaniin uumate. Horteen Taara'aa kana; Taaraan Abraam, Naakoorii fi Haaraaniin uumate; Haaraan looxiin uumate. Haaraan Uuri biyya kalaadaawotaa hulee itti dhalate keessatti abbaa biratti du'e. Abraamii fi Naakoor haadha manaa fuudhan; maqaan haadha manaa Abraamii Soora'a; haati manaa Naakoorii Milka'a; isiin mucattii Haaraaniiti; Haaraan abbaa Milka'aatii fi ka Yooska'aati. Sooraan dhabduu finna hin qabne turte. Taaraanillee ilma isaa Abraamii fi ilma ilma isaa, ilma Haaraanii looxiin, intala ilma ufii ta Abraamii Sooraa fa'a qabatee gara biyya Kana'aanii deemu'uuf Uuri biyya Kalaadaawotaatii bayanii gara Kaaraanii dhaqanii achi taa'an. Umuriin Taara'aa woggaa dhibba lamaa fi shan gayee Kaaraanitti du'e. Rabbi Abraamiin, «Biyya kee, fira kee, mana abbeetii keessaallee bayiitii gara lafa ani sitti mudhisuu dhaqi; banii guddaa si taasisaa; si eebbisaa; maqaa keellee hin kabajjaa; eebbaaf ta'i; Worra si eebbisu hin eebbisa; worra si abaaru hin abaara; baniin biyya lafaa maruu siin eebbifama» jedhe. Abraam akkuma Rabbi isatti hime ka'ee deeme; Looxillee isa woliin deeme; Abraam hennaa Kaaraaniin keessaa bawu nama woggaa torbaatamii shanii ture. Abraam haadha manaa ufii Sooraa, ilma obboleessa ufii looxiin, horii horanii fi hojjattoota hennaa Kaaraaniin keessa jiran argatan maraa fuudhanii deemanii biyya Kana'aaniititti galan. Abraamillee Seekeemii haga muka dambi'ii deeme; hennaa san worri Kana'aanii achi jiraata'aa turan. Rabbi Abraamitti mudhatee, «Lafa tana hortee keetii kenna» jedheen; innillee Waaqa isatti mudhate saniif hulema sanitti hulee ciinca'aa hojjate. Achiillee gara Gaara Beeteeliin irraa gara baya biiftu'uutitti argamuutitti ol baye; achii Beeteeliin gara dhiyaatitti, Gaayiin gara baya biiftu'uutitti dhiisee jidduu isaaniititti daasee ijaare; achitti hulee ciinca'aa Rabbiif hojjatee maqaa Rabbii waama'aa sagade. Abraam achii ka'ee gara Neegeebii dhaqe. Biyya Kana'aaniititti beelli hammaannaan Abraam achii ka'ee keessummummaa taa'u'uuf gara biyya Misirii gad bu'e. Hennaa biyya Misirii seenu'utti dhiyaate haadha manaa ufii Soora'aan, «Ati dubartii guddiftee bareeddu waan taateef, worri Misirii yoo si argan, ‹Haadha manaa isaati› jedhanii na ajjeesanii si hambisanii; Sababa keetiif waan mishaa akka argadhu, sababaa keetiinillee akka lubbuun tiyya ooltu, ‹obboleettii isaati› jedhi» jedheen. Abraamillee hennaa biyya Misirii seene, namoonni Misirii isiin akka guddiftee bareedduu taate argan. Hojjattoonni Fari'ooniillee isii arganii Fari'ooniin biratti isii jajan; kanaafuu isii gara mana Fari'oonii fidan. Innillee sababaa isi'iitiif Abraamii waan mishaa godhe; Hoolota, loon, harriin, garboota dhiiraa, garboota intalaatii fi gaallan kenneef. Rabbi sababa Sooraa haadha manaa Abraamiitiif Fari'oonii fi namoota mana isaa balaa gudda'aan dhaye. Kanaan maayessa Fari'oon Abraamiin waamee, «Ati maaf akkana na goote? akka isiin haadha manaa tee taate maaf natti hin himne? Maaf ‹Isiin obboleetti tiyya› jette? Ani isii fuudhu'uuf fudhadhee ture; haati manaa tee kunooti amma fudhadhuu deemi» jedheen. Fari'oon waan Abraamiitiif hojjattoota ufii ajajee isaa fi haadha manaa isaa horii isaa maraa geegessan. Abraam haadha manaa ufiitii fi waan qabu maraa qabatee biyya Misiriitii bayee gara Neegeebii dhaqe; Looxillee isa woliin ture. Abraam hori'iin, qarshi'ii fi worqi'iinillee guddisee duroome. Abraam Neegeebii ka'ee Beeteeliin dhaqee hulee duraan daasee itti ijaarate Beeteelii fi Gaayiin jidduu hulee duraan ciincaa Rabbii itti dhiyeesse gaye; achitti maqaa Rabbii waama'aa sagade. Looxiin Abraamiin woliin deemellee akkasuma gobbuu hori'ii, gobbuu hoolotaatii fi daasee qaba. Abraamii fi Looxi qabeenna guddaa waan qabaniif lafti isaan hanqattee hulee tokko taa'uu hin dandeenne. Worra horii Abraamii tissanii fi worra horii Looxii tissan jiddu'utti lolli uumame; bara san worri Kana'aaniitii fi worri Feerizotaa lafa san irra jiraata'aa turan. Kanaan maayessa Abraam Looxiin, «Anii fi ati waan obboleewwan taaneef anaa fi si'i jidduu, akkasuma tissee horii kiyyaatii fi tissee horii keetii jidduu wol dhabbiin hin barbaachisu; lafti maruu si afoo jirtii mii? akka na irraa fooyamtu si kadhadha; ati yoo cinaa kibbaa fudhatte ani ammo gara cinaa mirgaa deema; ati yoo cinaa mirgaa fudhatte ani gara cinaa kibbaa deema» jedhe. Looxi ol jedhee dhooqa naannaya Yoordaanosii jiru maraa biyya bisaan keessa guuteeru akka taate arge; uduu Rabbi Soodoomii fi Gamoraa hin balleessineen dura dhoondhi naannoo Zo'aarii sun akka lafa hulee biqiltuu Rabbii yookaan ta akka biyya Misirii fakkaattu turte. Kanaafuu Looxi lafa naannaya Yoordaanosii jiru maraa filatee gargar bayan; Looxi gara baya biiftu'uu deeme. Abraam biyya Kana'aanii keessa taa'e; Looxi ammo qachoota dhooqa biyya sanii keessa taa'ee daasee ufii Soodoomiin laddatti ijaare; bara san ammo namoonni Soodoomii hammeeyyi'ii fi worra Rabbiin afo'otti guddisanii cubbuu hojjatan turan. Looxi haga isaan gargar bayeen maayii Rabbi Abraamiin, «Ol jedhii gara baya biiftu'uu, gara dhiyaa, gara mirgaatii fi gara bita'aa laali; lafa arga'aartu sanniin maraa baraa haga bara baraa si'ii fi hortee keetii waan kennuuf; hortee kee akka xidhacha lafaa baay'isa; akkuma namni xidhacha lafaa laakkawuu hin dandeenne, horteen keellee laakkayamuu hin danda'u. Lafa tana waan sii kennuuf ka'ii badhinnaa fi dheerinna isi'ii keessa deemi» jedheen. Kanaafuu Abraam daasee ufii diigee Keebrooniin hulee lafa qilxuu gugurdaa Maammire'ee bira jiraate; achittillee hulee ciinca'aa Rabbiif hojjate. Bara san mootiin Baabiloonii Amraafeel, mootiin Ilaasaarii Aariyook, mootiin Eelaamii Kolodogomoor, mootiin Gooyii Tiida'aal fa'a turan. Mootonni arfan kunniin mootota biraa shananitti duulu'uuf deeman; mootonni isaan itti duulan mootii Soodoomii Baalaa, mootii Gamora'aa Beersaa'a, mootii Adaama'aa Sana'aab, mootii Sabooyii Samibaarii fi akkasuma mootii biraa ka biyya Zo'aar jedhamtuuf mootii ta'e mootii Beela'aa fa'a. Mootonni kunniin maruu wolii galanii hulee amma «galaana sooqiddaa» jedhamu dhooqa Siidiimiititti wol lolan. Mootonni Kolodogomooriin woggaa kudha lamaa gabbaranii kudha sadeesso'oo irratti didaniin. Woggaa kudha arfeesso'ootitti kolodogomoorii fi mootonni isa woliin jiran dhaqanii Raafaayim, Asxaarot, Qaarnaayi, Zuuzim, Bahaam, Emiimiin, Seewi'ii fi Qiiriyaataayimiin dhayan. Namoota Hooriillee gaara isaanii ka biyya gammoojji'ii ka seeyir jedhamuu haga Eel Faaraaniititti isaan dhayan. Deebi'anii hulee Qaadees jedhamtu ta Ayinimisphaaxii dhaqanii biyya Amaaleqii maraa fi akkasuma Amoorota Hasesoonii, Tamaariin jiranillee lolanii mooyatan. Kanaan maayessa mootiin Soodoomii, mootiin Gamora'aa, mootiin Adaama'aa, mootiin Sabooyiitii fi mootittiin Beela'aa ta Zoo'aar jedhamtu maruu lafa dhooqa Siidona'aa keessatti wol gayanii lolan. Mootii Eelaamii Kolodogomooriin, mootii worra ormaa Tidi'aaliin, mootii Sanaa'orii Amraafeliin, mootii Ilaasaarii Ariyookiin woraanu'uuf mootonni shanan kunniin mootota arfan kanniinitti yaa'an. Dhooqa Siidiimii keessa ammo boolla leepho'ootitu jira; mootiin Soodoomiitii fi worri mootii Gamora'aa uduu dheessan boolla sanitti kufan; worri hafan ammo gara gaaraa dheessan. Worri isaan ari'u sunniin horii worra Soodoomiitii fi Gamora'aa maraa waan isaan nyaatan maraa jalaa booji'anii deeman. Qabeenna ilma obboleessa Abraamii ka Looxii ka Soodoomiin keessa jiraatuullee booji'anii fudhatanii lixan. Namni tokko dheessee gara Abraamii nama gosa Ibrootaa dhufee itti hime; hennaa san Abraam biyya Amoorotaa keessa hulee qilxuu gugurdaa Maammire'ee ka qulqullaaye bira jiraata'aa ture; Maammireenii fi obboleeyyan isaa Aashkoolii fi Aneer hiriyyoota waada'aa ta Abraamii ta bakka woraanaa turan. Abraamillee ilmi obboleessa isaa akka booji'ame haga dhagaye ijoollee mana isaa keessatti dhalatanii guddatan ta lola geette dhibba sadihii fi kudha saddeetii fudhatee worra booji'e sanniin soqu'uuf haga Daanii hordofe. Ilmaan obboleessa ufii sanniin addaan qoqqoodee halkanuma san biraan bayee isaan dhayee haga hulee Hoobaa jedhamtuu ta Damaasqoo irraa gara bita'aa jirtuu ari'e. Horii booji'ame maraa, ilma obboleessa isaa Looxiin, dubartootaa fi banii booji'ame maraa deebise. Kolodogomoorii fi worra isa woliin jiran haga mooyatee deebi'een maayessa mootiin Soodoomii dhooqa Seewwi'iititti bayee isa simate. Mootiin Saalemii Malkasaadiq buddeenaa fi daadhii woyini'ii kenneef; inni gadicha Rabbii gudda'aati. Inni akkana jedhee Abraamiin eebbise, «Rabbiin guddaan Ardi'ii fi Samii uume Abraamiin haa eebbisu! Rabbii guddaa diintota tee harka keetitti dabarsee kenneef galanni haa gawu» jedheen; Abraamillee waan qabu maraa keessaa Malkasaadiqii kurneessoo kenne. Mootiin Biyya Soodoomii Abraamiin «Namoota boojite naa dachaasi; horii ammo ufii fudhadhu» jedheen. Abraamillee mootii biyya Soodomiitiin «Ani maqaa Rabbii guddaa Ardi'ii fi Samii uumeetiin kakadha; Waan kanaan maayessa Rabbi Abraamiin, «Abraamii kiyya! hin sodaatin; ani wontee keetii, guddisee si eebbisa» hennaa jedhu manaaba keessa dhagaye. Abraam ammo, «Rabbii kiyya! ani finna waan hin qabneef eebbi ati naa kennitu maal naa godha? qabeenna kiyya Eli'eezarii nama Damaasqo'ootitu dhaalaa; Abraam Ati finna waan naa hin kennineef hojjataa mana kiyya keessatti dhalatetu na dhaalaa» jedhe. Kanaan maayessa Rabbi Abraamiin «Kun si hin dhaalu; finnuma kee ka gudeeda keetii bawutu si dhaala» jedhe. Rabbi Abraamiin gara raasa'aa baaseenii «Urjii Sami'ii ol laali yoo ka laakkawuu dandeettuu laakkayi, horteen keellee akkanuma baay'ta» jedheen. Abraamillee Rabbitti amane; amantiin isaallee qajeellumma'atti laakkayameef. Ani Rabbi, «Wonti biyya uurii gosa Kaladaawotaa keessaa si baaseef akka lafa tana dhaaltuuf» jedheen. Abraam, «Rabbii kiyya! akka lafa tana dhaalu attamiin beeka?» Jedhee gaafate. Rabbi, «Raada woggaa sadihii, Re'ee woggaa sadihii, hoolaa Woggaa sadihii, handarii guddo'oo fi diqqoo qabii naa fidi» jedheen. Abraamillee kanniin maraa qabee bakka lamatti qoodee ka qoode san wolitti aansee akka gosa isaaniitiin wol ladda kaaye; handariiwwan ammo adda hin qoonne. Allaattiiwwan foon irratti buunaan Abraam irraa ari'e. Haga aduun dhiite Abraamiin hirribni guddaan qabee dukkantinii fi naasuun guddaan itti bu'e. Rabbi Abraamiin, «Horteen kee biyya namaatitti galtuu ta'ee akka jiraatu beeki; woggoota dhibba afuriif garboota godhatanii isaan rakkisan. Ani banii garbicha isaan godhate san irratti hin murteessa; achiin maayessa qabeenna guddaa fudhatanii achii bayan. Ati ammo woggaa baay'ee jiraattee duutee nagayaan awwaalamtee abbootii teetitti eda'amta. Fiixaan kee dhaloota arfeesso'oo irratti as deebi'an; waan cubbuun worra Amoorotaa guutee hin jirreef» jedheen. Haga aduun dhiitee guddisee dukkanaaye; aarri sunsuma ibiddaatii fi Arrabni ibiddaa mudhatee foon kukkutame jidduu lufe. Gaafas Rabbi Abraamiin «Laga Misiriitii haga laga guddaa Efraaxisii lafa tana maraa hortee keetii kenneera. Akkasuma Qeenota, Qeneezota, Qadimoota, Keexota, Feerzota, Raafmota, Amoorota, Kana'aanota, Gergesootaa fi Iyyaabusootallee sii kenneera» jedhee waadaa galeef. Haati manaa Abraamii Sooraan ammo Abraamii finna hin deenne turte; isiin garbittii biyya Misirii ta Aggaar jedhamtu qabdi. Sooraan Abraamiin, «Kunoo ani akka hin deenne Rabbi gadaamessa kiyya cufeera, maal laataa karaa finna isiin deettuun finna argadhaa isii bira gayi» jetteen. Abraamillee waan Sooraan jetteen dhagaye; inni biyya Kana'aanii woggaa kudhanii haga jiraateen maayessa haati manaa Abraamii Sooraan garbittii ufii ta biyya Misiriitii abbaa worraa ufii Abraamiif haadha manaa akka taatu kenniteef. Innillee Aggaariin bira gaye isiinillee hin ulfoofte; isiin akka ulfoofte haga beette giiftii ufii tuffatte. Sooraan Abraamiin, «Dhiibbaa na irratti hojjatte kanaaf jasaa hin argatta; ani garbittii tiyya fuudhee sii kenne; isiin haga akka ulfoofte uf argite na tuffatte; Rabbi anaa fi si'i jiddu'utti haa murteessu» jetteen. Abraamillee Soora'aan «Garbittiin tee kunoo si harka jirtii akka feete isii godhi» jedheen; Aggaar haga Sooraan rakkifteen mana isi'iitii baatee badde. Maleekkaan Rabbii Aggaariin burqaa bisaanii ka lafa gammooji'ii biratti arge; burqaan sun karaa gara Suurii fidu bira jira. Maleekkaan sun garbittii Soora'aa Aggaariin «Eessaa dhufte? Eessa deemta?» isi'iin jedhe; isiinillee «Ani giiftii tiyya Sooraa jalaa baqata'aara» jetteen. Maleekkaan Rabbii «Gara giiftii teetii deebi'ii isi'ii ajajami» jedheen. Maleekkaan Rabbii deebisee «Hortee kee guddisee waan baay'isuuf laakkayamuu hin danda'amu; Ati kunoo ulfoofteerta; ilma dhiiraa hin deetta; maqaa isaa Ismaa'el jettee itti baafta; Rabbi waan rakkinna kee dhagayeeruuf. Innillee akka harree diidaatitti jiraata; nama maraa hin morma; Namoonnillee isa morman; inni obboleewwan ufiitiin jibbama'aa jiraata» jedheen. Aggaar ammo, «Dhugamaan ani Rabbii na arge san ijaan argee lubbu'uun jiraadhaa?» jettee Gooftaa isii qaasseen «El Roo'i» jetteen. El Roo'i jechuun «Waaqa na argu arge» jechu'u. Kanaaf maqaan bisaan boolla sanii «Bi'eerla hayiro'i » jedhame; innillee Qaadesii fi Baarediin jidduu jira. Aggaar Abraamii ilma dhiiraa deette; Abraam ilma Aggaar deetteef san «Ismaa'el» jedhee maqaa itti baase. Aggaar hennaa Abraamii Ismaa'eliin deette, Abraam nama woggaa saddeettamii jahaa ture. Abraam haga nama woggaa sagaltamii sagalii ta'e, Rabbi Abraamitti mudhatee «Ani El Shaadaayi'i; na afo'otti akka ta'utti jiraadhu; nama guutuu ta'i. Anaa fi si'i jidduu waadaa kiyya kaaya; ani hortee kee guddisee baay'isa» jedheen. Kanaan maayessa Abraam kallacha ufiitiin gad kufee sagade; Rabbillee, «Ani si woliin waadaa galeera; Ati abbaa banii maraa taata; Adha irraa jalqabee maqaan kee Abraam jedhamee hin waamamu; maqaan kee Abrahaam ta'a; waan abbaa banii maraa si taasiseef. Guddisee si badhisa; banii guddaa si taasisa; mootonni si keessaa dhalatan. «Waada kiyya anaa fi si'i, hortee keetii fi hortee siin maayessaa jidduu'u, baraa haga bara baraa kaaya; akka ani si'ii fi hortee kee ka siin maayessa dhufuuf Waaqa ta'u. Lafa biyya Kana'aanii ta keessummumma'aan keessa jiraattu maraa baraa haga bara baraa si'ii fi hortee tee ta siin maayessaa maraaf kenna, Waaqallee isaanii ta'a» jedheen. Ammallee Rabbi Abrahaamiin, «Ati waadaa kiyya hin eedda; atii fi horteen kee ka siin maayessaallee. Waadaan kiyya ka atii fi horteen kee ka siin maayessa dhufullee eeddan kana; isin keessaa dhiirti maruu haa gadoomanii, gogaa foon saala keessanii dhossu gadoomaa'a; kun malkata waadaa anaa fi isin jidduu jiru ta'a. Daa'imni dhiiraa ka dhalate maruu guyyaa saddeetesso'ootitti haa gadoomuu; akkasuma ka mana keessanitti dhalate ka hortee keessan hin taanee fi garboonni isin bitattanillee haa gadoomanii. Ka mana keetitti dhalatee fi ka hori'iin bitamellee sirima haa gadoomuu; malkanni waadaa kiyya ka baraa haga bara baraa ka isin foon keessan irratti gootan kana. Namni gogaa saala isaa dhossu hin gadoomne maruu gosa ufii irraa fooyamee haa baduu; waan waadaa kiyya jisseef» jedhe. Rabbi Abrahaamiin «Ammaa achi maqaa haadha manaa teetii Sooraa Sooraa jettee hin waamin; Saaraa jedhii waami. Isii hin eebbisa; ilmallee hin kennaaf; haadha banii baay'e'ee taati; mootonni biyya lafaa isii keessaa dhalatan» jedheen. Kanaan maayessa Abrahaam kallacha ufiitiin kufee kolfee garaa ufii keessatti, «Namni woggaa dhibbaa hin uumataa? Saaraan woggaa sagaltamatti hin deettii?» jedhe. Abrahaam Rabbiin, «Uduu Ismaa'eel si afoo jiraatee silaa hin gammada ture» jedhe. Rabbi Abrahaamiin «Haati manaa tee Saaraan dhugamaan ilma sii deetti; maqaa isaallee Yisaaqi jettee waamta; isaa fi fiixaa isaa ka isaan maayessa dhufuu waadaan kiyya ka bara baraa akka ta'u isa woliin godhadha. Waan Ismaa'eeliillee sii dhagayee isa eebbiseera; fiixaa isaa hin guddisa; guddisee baay'isa; inni bulchaa gosa kudha lamaa ta'a; banii guddaa isa taasisa. Bara dhufu hennaa tana waadaa kiyya Yisaaqii Saaraan sii deettu woliin godha» jedheen. Waan kana jedhee haga fixeen maayessa Rabbi Abrahaamiin biraa deeme. Abrahaamillee ilma ufii Ismaa'eliin, worra mana isaa keessatti dhalatan, garboota horii ufiitiin bitate maraa maatii ufii keessaa dhiira maraa fuudhee gogaa saala isaanii dhossu maraa akkuma Rabbi isaan jedhetti guyyaa saddeetesso'ootitti gadoomse. Abrahaam hennaa gadoomu nama woggaa sagaltamii sagalii ture. Ilmi isaa Ismaa'eelillee hennaa gadoomu nama woggaa kudha sadihii ture. Abrahaamii fi ilmi isaa Ismaa'eelillee guyyama tokko gadooman. Worri manatti dhalatanii fi namoonni diidaa hori'iin bitaman maruu isa woliin gadooman. Abrahaam guyyaa uduu balbala daasee ufii taa'eeru, Rabbi qilxuu Maammire'ee biratti itti mudhate. Inni ol jedhee yoo laalu namoonni sadihii isa afoo ka dhaabataniiran argee isaan simachu'uuf balbala daasee ufiitii ka'ee gara isaanii fiigee isaanii sagadee, «Yabo'oo yoo si biratti gaachena argadhe ana garbicha kee na bira hin lufin; bisaan diqqoo isinii fidaa luka dhiqadha'aa muka kana jalatti hara baafadhaa'a. Waan nyaatan diqqoo woyii isinii fidaa nyaattanii bayyanattanii deemtanii» jedhee isa kadhate; isaanillee «Misha'a; akka yaadde godhi» jedhaniin. Abrahaam gara daase'ee Saaraa bira daddafee seenee «Dafii daakuu ganaa sadihii fuudhii dukkuusii xoroshoo godhi» jedheen. Abrahaam gara hori'ii fiigee jibicha qanani'aa fuudhee hojjataa ufiititti kennee «Daddafii qalii qopheessi» jedheen. Abrahaam, itittu'uu fi foon fidee dhaabatee isaan nyaachise. Isaan, «Haati manaa tee Saaraan meeti?» jedhaniin. Innillee «Daasee keesssa jirti» isaaniin jedhe. «Bara dhufu woggaa adhaa hennaa tana deebi'ee gara keessan dhufa; haati manaa tee Saaraan ilma argatti» jedhe; Saaraan Abrahaamiin duubaan balbala daase'ee dhaabattee waan jarri dubbattu caqasa'aa turte. Abrahaamii fi Saaraan guddisanii jaaraniiran; waan jaarteertuuf Saaraan garaa arguu dhaabdeerti. Saaraan garaa ufii keessatti «Ani amma jaareeraa fedha dhiiraa hin qabu abbaan worraa kiyyallee jaareera» jettee kolfite. Rabbi Abrahaamiin, «Saaraan maaf, «Haga jaareen maayessa hin dayaa?» jettee kolfite. Horomaa wonti Rabbii hin danda'amne hin jiraa? bara dhufu hennaa tana ani deebi'ee gara kee dhufa Saaraan ilma argatti» jedheen. Saaraan waan guddiftee sodaatteef «Ani hin kolfine» jettee waakkatte; inni ammo «Lakki kolfiteertaa» jedheen. Kanaan maayessa namoonni sunniin achii ka'anii gara Soodoomii deeman; Abrahaam isaan geegesse. Rabbi, «Ani waan godhu Abrahaamiin dhossaa? Abrahaam dhugamaan banii guddaa waan ta'uuf; baniin biyya lafaa maruu isaan eebbifama. Inni waan qajeellumma'aatiif murtii qajeelaa godha'aa ijoollee ufiitii fi akaakayyoota ufiillee gorsa'aa isaan qajeelcha; kunillee waadaan Rabbi Abrahaamii gale akka raawwatamuuf» jedheen. Rabbi deebi'ee, «Iyyansi Soodoomiitii fi Gomoora'aa guddisee guddateera; cubbuun isaanii guddisee waan ulfaateeruuf. Kanaafuu waan isaanii waan dhagaye maraa akka dhugaa ta'e laalu'uuf gara isaanii bu'a; yoo bu'uu baadhellee ani hin beeka» jedhe. Kanaan maayessa namoonni lamaan sunniin achii gara Soodoomii deeman; Abrahaam ammo yoo san akkuma Rabbiin afoo dhaabatetti ture. itti siiqee «Yabo'oo dhugamaan ati qajeelaa cubbamaa woliin balleessitaa? Uduu namni shantamaa qajeelaan qachaa san keessatti argamanii maraa wolumaan balleessitaa? Qachattii san qajeelaa shantamaa sanniiniif jettee hin dhiiftuu? kun si irraa haa fagaatu; nama cubbamaa qajeelaa woliin balleessuu'u, qajeelaanillee akka cubbama'aa ta'uu'u wonti akkanaa kun si irraa haa fagaatu; ka biyya lafaa maratti murteessu murtii qajeelaa hin murteessuu?» Rabbillee Abrahaamiin, «Qachattii Soodoomii keessatti yoo qajeelaa nama shantamaa arge isaaniif jedhee hin dhiisa» jedhe. Abrahaam deebisee, «Ani nama daaraa biyyee womaa keessa hin jirre ta'ee Gooftaa kiyya woliin uggaan dubbachuu kiyyaaf dhiifama naa godhi; namni shanii qajeelaan waan irraa dhidhateef sababaa nama shaniitiif qachaa maraa balleessitaa?» jedheen; Rabbi, «Yoo nama afurtamii shanii arge hin balleessu» jedhe. Ammallee Abrahaam deebi'ee «Maal laataa uduu qajeeltonni afurtamaa argamanii hoo?» jedheen; innillee deebisee, «Sababaa namoota qajeeltota afurtamaa sanniiniif jedhee hin dhiisa» jedhe. Abrahaam, «Yabo'oo Gooftaa'a hin dubbadhaa natti hin aarin maal laataa yoo qajeeltonni soddomaa argaman hoo?» Jedheen. Innillee, «Qajeeltota soddomaa yoo arge hin balleessu» jedheen. «Gooftaa kiyya ani amma eega si woliin dubbachuu jalqabe uduu diddamni argamanii hoo?» Jedhe; innillee, «Diddamni yoo argaman, isaaniifuu jedhee hin balleessu.» «Gooftaa kiyya ammallee yabo'oo hennama takkattii dubbadhaa naan hin lolin; maal laataa uduu kudhan argamanii hoo?» jedhe; Innillee, «Kudhan sanniiniifuu jedhee hin balleessu» jedhe. Rabbi haga Abrahaamiin woliin dubbii fixe hin deeme; Abrahaamillee gara hulee ufii deebi'e. Hennaa lafti dhiite maleekkonni lachuu gara Soodoomii seenan; hennaa san Looxi balbala qachattii Soodoomii taa'eera; inni hennaa isaan arge, isaan simachu'uuf ka'ee kallacha ufiitiin gad kufee isaanii sagadee, «Gooftolee tiyya; gara mana garbicha keessanii gora'aa bulaa'a luka teessanillee dhiqadhaa'a; bultanii obboroo deemtanii» isaaniin jedhe; isaan ammo, «Hin ta'u raasaa bulla malee» jedhan. Guddisee isaan kadhannaan isaanillee gara manaa seenan; xoroshoo godhee isaanii dhiyeessee isaanillee hin nyaatan. Uduma isaan hin rafne namoonni qachaa Soodoomii ka'immanii fi jaarsonni, baniin hulee maraa jiru mana jarri jirtu marsan. Looxiin waamanii, «Namoonni halkan kana gara mana keetii dhufan meeti? gad nuu baasi bira geennee habaxeessinaa» jedhaniin. Looxi manaa gara isaanii gad bayee duubaan balbala cufee, «Obboleeyyan tiyya; waan hamaa kana hin godhinaa'a! ani ijoollee durbaa ta hin heerumne lamaan qabaa isaan gad isinii baasaa akka feetan godhaa'a namoota kanniin keessummummaa mana kiyya waan dhufaniiraniif isaan hin tuqinaa'a» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Deemi asii! atuu nama baqatee as jiraata'aaru; namni baqatee jiraatu'uuf dhufe murtii kennuu danda'aa? isaan caalaa si irratti waan hamaa goona» jedhanii Looxiin guddisanii dhiibanii balbala manaa cabsu'uuf ka'an; keessummoonni lamaan mana keessa jiran harka ufii gara diidaa hiixatanii Looxiin gara manaa ol seensisanii balbala cufan. Achiin maayessa namoota diida dhaabatan diqqa'aa haga gudda'aa akka isaan balbala hin argine ija isaanii waan jaamsaniif balbala soqanii arguu dadhaban. Jarri keessumma'aa lamaan Looxiin «Eennuun asii qabda? soddaa, ijoollee dhiiraa, ijoollee dubaraa ta'ee'e qachattii tana keessaa waan qabdu maraa baasi. Cubbuun isaanii Rabbiin afo'otti waan guddateeruuf qachattii tana haa balleessinu'uuf nu ergeeraa» jedhaniin. Looxillee manaa bayee soddaadhan ijoollee isaa fuudhaniin, Rabbi qachattii tana balleessu'uuf ta'aa ka'aa hulee kanaa deemnaa» jedhee isaanitti hime. Soddaadhan isaa ammo waan isaanitti coora'aaru seeyanii lash jedhan. Hennaa bariite maleekkaan Looxiin «Cubbuu qachatti'iitiin akka hin banne; ka'i haadha manaa teetii fi ijoollee intalaa lamaan asii qabdu fuudhii deemi» jedhanii ariifachiisan. Inni harkifatullee Rabbi garaa isaa laafee namoonni sunniin harka haadha manaa isaatii fi harka ijoollee durbaa lamaan isaa qabanii baasanii qachattii saniin ala isaan kaayan. Qachattii keessaa gara raasa'aa haga isaan baasaniin maayessa maleekkota keessaa tokko «Uf oolchaa'a; uf duuba hin laalinaa'a; naannoo dhooqaa kanallee hin dhaabatinaa'a; akka hin banneef gara gaaraa dheessa'aa» isaaniin jedhe. Looxillee, «Gooftota kiyya; kun hin ta'in. Kunoo garbichi kee afoo keetitti gaachena argateera; lubbuu tiyya du'a oolchu'uuf gargaarsi ati naa goote gudda'a; haa ta'uu ammo wonti hamaan akka na hin balleessinee fi akka hin duune gara gaaraa dheessuu hin danda'u. Kunoo qachattiin ani itti dheessee jalaa bawu diqqoon takka dhiyoo jirti lubbuu tiyya oolfatu'uuf gara isi'ii dheessee baya; qachattiin sun diqqo'oo miti?» jedhe. Maleekkaan, «Kadhaa ati qachattii natti himte tana akka hin balleessineef na kadhatte dhagayeera; daddafii gara isi'ii dheessii bayi; ani haga ati achi geettuuf hin balleessu» jedheen; kanaaf maqaan qachattii sanii Zoo'aar jedhame. Looxi hennaa gara Zoo'aarii seene biiftuun baate. Rabbi Soodoomii fi Gamooraa irratti Samii irraa ibiddaa fi dinnii bobawu roobse. Qachoota sanniin waan naannoo isi'ii jiru maraa, worra qachoota sanniin keessa jiraatan biqiltuu lafaa maraa barbadeesse. Haati manaa Looxii uf duuba midhattee soodduu dhagaa sooqiddaa taatee hafte. Abrahaam gara hulee Rabbiin afoo dhaabatee ture san dhaqu'uuf ganamaan ka'e. Inni gara Soodoomiitii fi Gamoora'aa lafa biyya sanii keessa mara gubba'aa gad hennaa laalu aarri biyyattii sanii akka aara ibiddaa ka dhagaa sunsumaa keessaa bawuutitti ka aaru arge. Rabbi qachattii dhooqa keessaa ta Looxi keessa taa'ee ture san haga balleesseen maayessa Abrahaamiin qaabatee; Looxiin badii san keessaa baase. Looxi Zoo'aariin keessaa bayee waan Zoo'aariin keessa taa'uu sodaateef ijoollee intalaa lamaa ufii woliin gaara irra goda keessa taa'e. intalti hangafaa intala maandha'aatiin «Abbaan keenna jaareera; akkuma beekkamu dhiirti nu fuutu hin jirtu. Koottu abbaa keenna daadhii woyini'ii obaafnee macheessinee isa woliin ciifnee finna irraa argannaa» jetteen. Halkanuma san abbaa ufii daadhii woyini'ii obaasanii macheessanii hangaftittiin gara abba'aa dhaxxee woliin ciifte; inni hennaa isiin woliin ciiftee biraa kaatu uf hin beeku. Haga bari'e ta guddo'oo ta maandha'aatiin «Ani kalee galgala abbaa kiyya woliin ciise; adha galgala akkasuma atillee daadhii woyini'ii obaasii isa woliin ciisi; abbaa keenna irraa fiixaa haa hambifannuu» jetteen. Kanaafuu abbaa ufii halkan sanillee akkasuma daadhii woyini'ii obaasanii ta maandhitti'iillee isa woliin ciifte; inni hennaa isiin ciiftuu fi kaatullee uf hin beeku. Ijoolleen intalaa ta isaa lamaanuu abbaa ufii Looxiin irraa ulfaayan. Ta hangafaa dhiira deettee maqaa isaa Moo'aab jettee itti baafte; inni haga adhaa abbaa Moo'aabotaati. Ta maandha'aallee akkasuma dhiira deettee maqaa isaa mucaa gosa kiyyaa jettee Amoon jettee itti baafte; akkuma kana innillee haga adhaa abbaa Amoonotaati. Abrahaam achii ka'ee gara biyya Neegeebii dhaqee Qaadeesii fi Suuriin jidduu biyya Geerara'aa keessummummaa jiraate. Abrahaam haadha manaa ufii Saaraa obboleettii tiyya jedhe; mootiin Geerara'aa Abemelek nama itti ergee Saaraa fudhate. Garuu Rabbi halkan eebju'uun Abemelekitti dhufee, «Ati intala abbaa worraa qabdu waan fudhatteef hin duuta» jedheen. Abemelek waan isii bira hin geenneef «Yabo'oo banii qajeelaallee hin balleessitaa? ‹Obboleettii tiyya› ka naan jedhe isaamii? isiinillee akkasuma ‹inni obboleessa kiyya› jette; qajeellummaa onnee tiyyaatii fi qulqullummama yaada kiyyaatiin waan kana godhe» jedheen. Rabbillee eebju'uun, «Qajeellummama onnee teetiitiin akka waan kana goote ani hin beeka; Anillee akka ati cubbuu hin hojjanne, akka isii hin tundhe si dhoogge. Amma ammo haadha manaa isaa deebisiif inni waan raatticha ta'eef Waaqa sii kadhataa; atillee hin ooltaa; yoo deebisu'uufii baatte ammo ati akka duutu, wonti ati qabdu maruu akka du'u beeki» jedheen. Abemelekillee ganamaan ka'ee garboota ufii maraa waamee waan kana maraa isaanitti hime namoonnillee guddisanii sodaatan. Kanaan maayessa Abemelek Abrahaamiin waamee, «Maaf akkana na goote? ani waan badaa maal si irratti hojjadhe? anaa fi mootummaa kiyya irrattillee cubbuu guddaa hojjatte, waan hin malle na irratti hojjatte.» jedheen. Abemelekillee Abrahaamiin, «Maal argitee kana goote?» jedheen. Abrahaamillee, «Hulee kanatti Rabbiin sodaachuun waan hin jirreef haadha manaa tiyyaaf jedhanii waan na ajjeesan seeyeeti» jedheen. Isiin obboleettii tiyya waan abbaan kiyya uumatuuf; ammo isiin mucattii haadha tiyyaatii miti; anaaf haadha manaa taate. Kanaafuu ani hennaa Rabbi mana abbaa kiyyaatii na baasu akkana isi'iin jedhe ‹Biyyuma dhandhu marattuu jasaan ati naa gootu kana; ‹Inni obboleessa kiyya jedhi› jedheenii ture» jedhe. Kanaan maayessa Abemelekillee hoolota, horii, garboota dhiiraatii fi garboota intalaallee fuudhee Abrahaamii kennee haadha manaa isaa Saaraa deebiseef. Abemelek, «Biyyi tiyya kunootii hulee feete taa'i» jedheen. Saara'aanillee, «Akka ati nama waan battii hin hojjannee fi qajeeltuu taate namoonni si woliin jiran maruu akka hubatanii fi malkata akka ta'u qarshii kuma tokkoo obboleessa kee Abrahaamii kenneera» jedheen. Achiin maayessa Abrahaam Rabbiin kadhate; Rabbillee Abemelekii fi haadha manaa isaa, hojjattoota isaallee oolchee akka isaan finna argatan taasise. Rabbi sababaa haadha manaa Abrahaamiitiif gadaamessa worra mana Abemelekii maraa cufee ture. Rabbi Saaraa yaadatee akkuma abdachiise godheef. Isiin ulfooftee hennaa Rabbi hin deetta jedhee isi'itti dubbatetti jaarruma keessa Abrahaamii ilma deette. Abrahaamillee ilma Saaraan deetteef maqaa isaa «Yisaaqi» jedhee itti baase. Abrahaam ilma ufii Yisaaqiin akkuma Rabbi itti hime guyyaa saddeetesso'ootitti gadoomse. Abrahaam hennaa ilmi isaa Yisaaqi dhalatuuf umuriin isaa woggaa dhibba ture. Saaraanillee, «Rabbi waan na gammachiisee na kolfisiisu naa kenne; ka waan kana dhagawu maruu sababaa kanaaf hin kolfa.» jette. Ammallee, «Silaa eentu Abrahaamitti ‹Saaraan ilma deettee hoosifti› jedhee hima? amma ammo jaarruma keessa ilma dayeeraaf» jette. Daa'imnillee guddatee harma gu'e; Abrahaam guyyaa Yisaaqi harma gu'u affeerraa guddaa godhe. Saaraan ilmi Aggaarii biyya Misirii hennaa Yisaaqiin woliin taphatu argitee; Abrahaamiin, «Garbittii tana ilma isi'ii woliin baasii ari'i; ilmi garbittii tanaa ilma kiyya Yisaaqiin woliin hin dhaaluu» jetteen. Wonti kun Abrahaamiin guddisee dhiphisee waan ilma ufii Ismaa'eliitiif yaaddaye. Rabbi ammo Abrahaamiin, «Waan garbitti'iitii fi waan daa'imaallee hin yaadin; waan Saaraan siin jettu maraa dhagayi; fiixaan kee Yisaaqiin waamama. Ilma garbitti'iillee akkasuma banii guddaa taasisa; innillee waan ilma kee ta'eef» jedheen. Abrahaam ganamaan ka'ee xoroshoo fuudhee bisaan qalqalaan Aggaaritti kennee daa'imallee duddatti baachisee isii baase; isiinillee deemtee lafa gammoojjii Beersaabeehiititti rakkatte. Bisaan qalqala keessaa jalaa dhumnaan daa'ima ufii saatoo tokko jalatti gattee deemte. Isiin, «Hennaa daa'imni kiyya du'u hin argu» jettee haga darba ebo'oo irraa fagaattee kolba isaatiin teettee laagaa ufii ol qabattee bootte. Rabbillee booyicha daa'imaa dhagaye; maleekkaan Rabbii Sami'ii Aggaariin waamee «Maal taate? Rabbi laagaa daa'imaa dhagayeeraa hin sodaatin; ka'ii daa'ima fuudhii ammadhuu sossobi; banii guddaa isa taasisaa.» jedheen. Rabbi ija isi'ii banee boolla bisaanii argitee dhaxxee qalqala ufiititti bisaan guuttee daa'ima ufii obaafte. Rabbi daa'ima woliin ture; innillee guddatee lafa gammoojji'ii jiraatee loltuu ebo'oon lolu ta'ee beekkame. Inni lafa gammoojji'ii ta faaraan jedhamtu taa'e; haati isaa biyya Misiriitii intala itti fuute. Bara san Abemelek jaalalloo isaa idaayyicha Akoozaatii fi bulchaa loltootaa Fikooliin woliin Abrahaamiin, «Waan gootu marattuu Rabbi si woliin jira; ammallee ana, ilma kiyyaa fi ilma ilma kiyyaa irratti waan hamaa akka hin goone maqaa Rabbiitiin naa kakadhu; akkuma ani sii amaname atillee anaa fi biyya tanaafillee waan mishaa godhi» jedheen. Abrahaamillee, «Ani hin kakadha.» jedhe. Abrahaam waan boolla bisaanii ta garboonni Abemelekii irraa fudhatteef komii himate. Abemelekillee, «Nama waan kana godhe ani hin beeku, atillee natti hin himne; anillee adhuma dhagaye malee haga adhaa hin dhageenne» jedheen. Abrahaamillee hoolotaa fi loon fidee Abemelekii kennee lachuu waadaa wolii galan. Abrahaam goromoota hoola'aa torba adda fooyee dhaabe; Abemelek Abrahaamiin, «Goromoonni hoolotaa ta ati adda footee dhaabde tunniin maali'i?» jedheen. Innillee, «Goromoonni hoolotaa torban tunniin boolla bisaanii tana akka ani qote ragaa haa naa taatu'uuf waan ta'eef ati hoolota tanniin na irraa fudhatta» jedheen. Kanaafuu hulee sanitti waan wolii kakataniif maqaan hulee sanii Beersaabeehi jedhame. Isaan lachuu Beersaabeehitti waadaa wolii galan; Abemelekii fi Akoozaat, bulchaan loltootaa Fikool ka'anii gara biyya Filisxeemii deebi'an. Abrahaam Beersaabeehitti muka Tamirii dhaabee achitti maqaa Rabbii bara baraa waamee sagadeef. Abrahaam biyya Filisxeemiititti galee hennaa dheera'aaf keessummummaa taa'e. Waan kanniin maraan maayessa Rabbi Abrahaamiin qoree akkana jedheen, «Abrahaam!» jedhee waame; Abrahaamillee, «Yaa; kunoo as jira!» jedheen. «Ilma kee tokkocha jaalattu Yisaaqiin qabii gara biyya Mooriya'aa dhaqii gaara ani sitti mudhisu irratti ciincaa godhii naa dhiyeessi» jedheen. Abrahaam ganama obboro'oon ka'ee qoraan ciincaa ittiin ciincessu baqassee harree ufiititti fe'atee hojjattoota ufii lamaanii fi ilma ufii Yisaaqiin fudhatee gara hulee Rabbi itti mudhisee deeme. Guyyaa sadeesso'ootitti Abrahaam ol jedhee hulee dhaqa'aaru san fago'otti arge. Kanaan maayessa Abrahaam hojjattoota ufiitiin «Harree qabadha'aatii as turaa'a; anii fi ilmi kiyya achi deemnee Rabbii sagannee deebinaa» jedhe. Abrahaam qoraan ciincaa ittiin ciincessan ilma ufii Yisaaqitti baachisee innillee ibiddaa fi billawa harkatti qabatee woliin deeman. Yisaaqi abbaa ufii Abrahaamiin, «Aabbaa!» jedhee waame; abbaanillee «Yaa ilma kiyya» jedheen. Ibiddaa fi qoraan qabanneerra; hoolaan ciinca'aa hoo meeti?» jedheen. Abrahaamillee, «Ilma kiyya! hoolaa ciinca'aa Rabbitu qopheessa» jedheen; isaan lachuu woliin deeman. Hulee Rabbi jedheen san haga gayan Abrahaam achitti hulee ciincaa itti ciincessu hojjatee qoraan irratti darabeessee ilma ufii Yisaaqiin hidhee qoraan irra ciibse. Abrahaam billawa fudhatee ilma ufii goorra'u'uuf harka ufii ol fudhate. Maleekkaan Rabbii Samii irraa «Abrahaam! Abrahaam!» jedhee waame. Abrahaamillee, «Yaa; kunoo as jira!» jedhe. «Ilma kee hin tuqin; womaa isa hin godhin; waan ilma kee tokkocha na hin dhoogganneef akka Rabbiin sodaattu amma beekeera» jedheen. Abrahaam ol jedhee hennaa uf duuba laalu, korbeessa hoola'aa ka buura keessatti gaafni isaa gaale'etti rakkatee qabameeru arge; Abrahaam dhaqee korbeessa hoola'aa san fuudhee bikka ilma ufii ciincaa dhiyeesse. Abrahaam hulee san «Yaahiwwee Yiri'e» jedhee waame. Haga adhaallee gaara san irratti «Rabbi hin qopheessa » jedhama. Ammallee maleekkaan Rabbii Sami'ii Abrahaamiin waamee «Ani maqaa kiyyaan sii kakadha; ‹Guddisee si eebbisa› waan ati ilma kee tokkocha na hin dhoogganneef. Ani dhugamaan eebba si eebbisa, hortee keellee akka urjii Sami'iitii fi akka xidhacha galaana biraa baay'isa; horteen kee qe'ee diintotaa dhaala. Ajaja kiyya waan dhageetteef baniin biyya lafaa maruu hortee keetiin eebbifama» jedheen. Kanaan maayessa Abrahaam gara hojjattoota ufii deebi'e; achii ka'anii gara Beersaabeehii dhaqanii achi jiraatan. Haga wonti kunniin ta'een maayessa Milkaan obboleessa kee Naakooriif ijoollee deette jedhanii Abrahaamitti himan. Isaanillee ka hangafaa Uus, obboleessa isaa Buuz, abbaa Aaraamii Qaamu'eel, Kaazaat, Hazoo, Fiildas, Dilaafii fi Baatu'eeliin fa'a. Baatu'eel Ribqaa uumate; Milkaan namoota saddeetii kanniin obboleessa Abrahaamii Naakoorii deette. Reehimaan Naakoor mata gala itti galu Xibaahi, Ga'aam, Tahashanii fi Maksaaniin deette. Saara'aan woggaa dhibba tokkoo fi diddamii torba haga taateen maayessa biyya «Qiriyaati Arbaaqitti» duute. Biyyi sun Keebroonii Kana'aaniin keessa jirtu. Abrahaamillee guddisee gaddee Saara'aa booye. Abrahaam reeffa biraa ka'ee «Ani nama baqatee isinitti gale lafa awwaalaa naa kennaa'a reeffa haadha manaa tiyyaa itti awwaaladhaa» jedhee ijoollee Keexi'ii gaafate. Ijoolleen Keexi'iillee Abrahaamiin, «Gooftaa keenna nu dhagayi; ati nu jiddu'utti nama gudda'a; nama Rabbiiti; hulee keenna ka awwaalaa bakka mishaa filadhuu reeffa nama keetii awwaali, akka ati reeffa nama keetii hin awwaalle namni si dhooggu hin jiru» jedhanii deebisaniif. Kanaan maayessa Abrahaamillee ka'ee banii biyya saniitii fi ijoollee Keexi'iitii sagadee «Yoo akka ani reeffa nama kiyyaa awwaaladhu jaalattan Eefroonii nama Sa'aarii goda lafa daangaa qonna isaa bira jirtu irraa ristii awwaalaa akka gatii guutu'uun natti gurguru naa kadhadhaa'a» isaaniin jedhe. Eefroon ijoollee Keexi'ii jidduu jiraata'aa ture; namni Keexi'ii Eefroon, ijoolleen Keexi'iitii fi worri qachaa san keessa jiraatan maruu kana haga dhagayan Abrahaamiin, «Akkasii miti gooftaa keenna nu dhagayi; lafa qonnaatii fi goda daangaa lafa qonnaa jirullee ijoollee gosa tiyyaa afo'otti sii kenneeraa reeffa nama keetii itti awwaaladhu» jedheen. Abrahaamillee banii biyya sanii afo'otti gad jedhee; uduu namni maruu dhagawu Eefrooniin, «Waan ani jedhu akka naa dhageettu si kadhadha; gatii lafa qonnaa sii kennaa atillee na irraa fudhadhu reeffa haadha manaa tiyyaa achitti awwaaladhaa» jedheen. Eefroon Abrahaamiin, «Gooftaa kiyya na dhagayi; gatiin lafaa yoo atta guddate saqilii dhibba afur ta'a, tun anaa fi si'i jiddu'utti maali'i? reeffa haadha manaa teetii awwaaladhu» jedhee deebiseef. Abrahaamillee waan Eefroon jedheen dhagayee waan ijoollee Keexi'ii afo'otti isaan jedhe saqilii dhibba afurii laakkayee Eefroonii kenne; akkuma worri waa bitee gurguru godhu godhe. Qonni Eefroonii ka Maammiree afo'oo ka Abrahaamii ta'e; qonni isaa, gonni qonna bira jiru, munni naannoo lafa qonnaa jiru maruu ijoollee Keexi'iitii fi worra qachattii san keessa jiraatan maraa afo'otti ristii Abrahaamii ta'ee mirkanaaye. Kanaan maayessa Maammiree Keebroon jedhamtu afo'otti qonna lafa biyya Kana'aanii goda daangaa lafa qonnaa keessatti reeffa Saaraa haadha manaa ufii awwaale. Kanaafuu qonninii fi gonni daangaa lafa qonnaa jiru ka ijoollee Keexi'ii ristii lafa awwaalaa ka Abrahaamii ta'e. Abrahaam nama guddaa ta'ee jaare; Rabbi Abrahaamiin waa maraanuu eebbise. Abrahaam jaarsa hojjataa mana isaa hojjatuun «Koottu harka keetiin gudeeda kiyya qabi akka ati ijoollee worra Kana'aanii ka ani woliin jiraata'aaru keessaa ilma kiyyatti intala hin fuune maqaa Rabbii Ardi'ii fi Sami'iitiin si kassiisaa. Garuu gara biyya tiyyaa ta ani keessaa dhaladhee dhaxxee ilma kiyya Yisaaqii intala naa fiddaa» jedheen. Hojjataan isaa sunillee, «Maal laataa yoo mucattiin gara biyya kanaa dhufuu didde ilma kee gara biyya ati keessaa baatee san fiduu?» jedheen. Abrahaamillee, «Ilma kiyya akka achi hin finne uf eegi! Rabbi Waandhi Sami'ii ka mana abbaa kiyyaa ka itti dhaladhe keessaa na baase lafa tanallee sii kenna jedhee natti himee naa kakate maleekkaa ufii si afoo erga achii ilma kiyyaa intala fuuta. Yoo mucattiin si woliin dhufuu didde ati kakuu kana irraa fayya'a; mucaa kiyya ammo achi hin deebisin» jedheen. Kanaan maayessa hojjataan isaa sun harka ufiitiin gudeeda Abrahaamii gooftaa ufii qabee waan kanaaf kakateef. Hojjataan isaa sun gaallan gooftaa ufii keessaa kudhan fuudhee mi'a gooftaa ufii keessaa mimmishaa fuudhee gara Maasphexoomiya'aa gara qachaa Naakoorii deeme. Haga achi gaye galgala hennaa dubartoonni bisaan woraabbachu'uuf dhufan inni qachattii saniin alatti bisaan boollaa biratti gaallan ufii jilbiiffachiisee «Rabbii Waaqa gooftaa kiyya Abrahaamii si kadhadha, karaa naa qajeelchii na milkeessi; Abrahaamii garaa laafi; ani kunoo boolla bisaanii kana bira dhaabadheera, durbi qachaa kanaallee bisaan woraabbachu'uuf garana dhufan; mucattiin bareenni ani ‹ottee tee gad qabii bisaan na obaasi› jedhuun, ta isiinillee ‹atillee dhugi; gaallan keellee sii obaasaa› naan jettu sun ta ati garbicha kee Yisaaqii qopheessite haa taatu; akka ati gooftaa kiyya Abrahaamitti jaalala kee ka bara baraa mudhifte kanaan beekaa» jedheen. Uduu inni kadhaa hin fixatin Ribqaan mucattiin Baatu'eelii ta Milkaan deette ottee ufii duddatti baadhattee dhufte; Milkaan haadha manaa Naakoorii obboleessa Abrahaamiiti. Mucattiin durba; guddiftee bareeddi; isiin gara boolla bisaanii buutee bisaan woraabbattee baate. Hojjataan gara isi'ii fiigee, «Bisaan na obaasi» jedhee isii kadhate; isiinillee, «Gooftaa kiyya dhugi» jetteen. Daddaftee ottee duddaa buufattee obaafte. Haga isa obaafteen maayessa «Gaallan teellee akkasuma haga dhuganii dheebisa bayanitti hin woraaba» jette. Daddaftee bisaan ottee ufii keessaa gonga'atti buuftee gara boolla bisaanii fiiddee gaallan maraafuu woraabde. Namichillee xiinxallee isii laala'aa ture; Rabbi akka isa milkeessee fi isa hin milkeessine beeku'uuf cadhise. Haga gaallan isaa dhuganiin maayessa namichi sun qubee worqi'iitii fi bitoo kenneefii «Ati ta eennuuti? mee natti himi, mana abbeetii huleen bulan jiraa?» jedheen. Isiin, «Ani ta Baatu'eeliiti; ta Milkaan intalti Naakoor uumatu deette; Nu bira bura'aa fi okeenni gaya'atu jira; hulee bulti'iillee hin qabna» jetteen. Namichi gad jedhee Rabbii sagadee, «Rabbi Waandhi Abrahaamii gooftaa kiyyaa ka gara laafumma'aa fi dhugaa ufii hin dhossine galanni haa gawu; ani uduu karaa irra jiru Rabbi gara mana obboleewwan gooftaa kiyyaa na qajeelche» jedhe. Mucattiinillee fiiddee gara mana haadha ufii galtee waan kana maraa haadhatti himte. Ribqaan obboleessa Laabaa jedhamu qabdi. Inni qube'ee fi bitoo harka mucatti'ii irratti haga arge gara hulee burqaa bisaanii gara namichaa fiigee, waan obboleettiin isaa Ribqaan itti himte haga dhagaye hennaa inni gara namichaa dhaqu namichi sun burqaa bisaanii biratti gaallan woliin jira. Kanaafuu innillee, «Ati nama Rabbi eebbisee maaf diida dhaabatta? koottu gara manaa deemnaa ani si'ii fi gaallan teetiillee hulee qopheesseeraa» jedheen. Achiin maayessa namichillee gara manaa dhaqe; Laabaan gaallan hiikee okayaa fi buraa kenneef; namichaa fi worra isa woliin jiraniillee bisaan lukaa kenneef. Inni dhiyana dhiyeessinaaniif «Hajaa bayeef uduu hin milkoofne hin nyaadhu» jedheen; Laabaan, «Hajaa kee himadhu» jedheen. Innillee, «Ani hojjataa Abrahaamiiti; Rabbi gooftaa kiyya guddisee eebbisee gurra baase; hoolota, loon, qarshii, worqii, garboota dhiiraa, garboota intalaa, gaallanii fi harriin kenneef. Haati manaa gooftaa kiyya Abrahaamii Saaraan jaarruma keessa ilma dhiiraa gooftaa kiyyaa deette. Inni waan qabu maraa hin kenneef; Gooftaan kiyya Abrahaam akkana jedhee na kassiise, biyya ani keessa jiru tana keessaa ilma kiyyatti intala hin fuudhin. Garuu gara mana abbaa kiyyaa, gara gosa abbaa kiyyaa, dhaqiitii intala mucaa kiyyatti naa fuudhi. Ani gooftaa kiyya Abrahaamiin ‹maal laataa mucattiin yoo na faanaa dhufuu didde hoo?› jedheen Innillee, ‹Rabbiin jireenna kiyya beeku maleekkaa ufii si woliin erga; karaa keellee sii qajeelcha; mucaa kiyya gosa kiyya mana abbaa kiyyaatii intala itti fuutaa. Hennaa san kakuu irraa nagaya taata; gara firtoota kiyyaa dhaxxee yoo isaan sii kennuu baatan kakuu ani si kassiise irraa nagaya taataa. Ani adha gara boolla bisaanii dhufee ‹Rabbii gooftaa kiyya Abrahaamii, adha yoo karaa naa qajeelchitee jiraatte kunoo ani boolla bisaanii bira dhaabadheera; mucattiin bareedduun bisaan woraabu'uuf dhuftu yoo ani ottee keessaa bisaan na obaasi› jedhuun Ta isiinillee ‹Hoo'uu dhugi, gaallan keetiillee hin woraabaa› naa jettu ta Rabbi ilma gooftaa kiyya Abrahaamii qopheesse haa taatuu» jedhee uduu ani yaada garaa kiyyaa dubbadhee hin fixanne Ribqaan ottee baadhattee dhuftee gara boolla bisaanii buutee bisaan woraabde. Anillee, «Mee bisaan na obaasi» jedheen; isiinillee daddaftee ottee buufattee ‹Dhugi, gaallan keellee hin obaasaa› jette; anillee hin dhuge gaallan kiyyallee hin obaafte. Achiin maayessa anillee, ‹Ati ta eennuuti?› jedhee gaafadheen; isiinillee ‹Ani intala Baatu'eelii ta Milkaan Naakoorii deette› jette; anillee qube'ee fi bitoo harkaa kenneef, Anillee gad jedhee Rabbii sagadee ‹Rabbii Waaqa gooftaa kiyya Abrahaamii, mucattii obboleessa isaa ilma gooftaa kiyya Abrahaamii akka fiduufiif karaa naa qajeelchee bira na geesse galanni haa gawu. Ammallee yoo ka dhuga'aan waan mishaa gooftaa kiyya Abrahaamii gootan ta'e natti himaa'a bita'aa fi mirgallee hin jedhu gara Rabbi na qajeelche deemaa» jedhe. Laabaanii fi Baatu'eelillee deebisanii, «Dubbiin kun waan Rabbiin irraa dhufeef hama'aa fi mishaallee sii deebisuu hin dandeennu, Ribqaan kunootii fuudhii deemi akkuma Rabbi dubbate ilma gooftaa keetiitii haadha manaa haa taatuu» jedhaniin. Hojjataan Abrahaamiillee hennaa waan kana dhagaye jilbiiffatee Rabbii sagade. Hojjataan sun faaya birri'ii, faaya worqi'ii, uffata qandhafaa baasee Ribqa'aa kenne; obboleessaa fi haadhaa kennaa ulfinnaa kenne. Inninii fi namoonni isa woliin jiran nyaatanii dhuganii achuma bulanii ganamaan ka'an. Inni, «Gara gooftaa kiyyaa akka deebi'u na geegessaa'a» isaaniin jedhe. Haati mucatti'iitii fi obboleessi mucatti'ii «Mucattiin haga bultii kudhanii nu bira bultee achiin maayessa haa deemtuu» jedhan. Inni ammo, «Rabbi karaa naa qajeelcheeraa na hin tursiisinaa'a» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Mucattii waamnee waan isiin jettu dhageenna» jedhaniin. Ribqaa waamanii, «Nama kana woliin deemtaa?» jedhanii gaafatan. Isiinillee, «Ee hin deema» jette. Isaan Ribqaa obboleettii ufii, ta waa isi'ii hojjattu, hojjataa Abrahaamiitii fi worra isa woliin jiru maraa geegessan. Ribqaa «Ati obboleettiin teenna, hori; haadha banii baay'e'ee ta'i; horteen kee qe'ee diinaa haa dhaalu!» jedhanii eebbisan. Kanaan maayessa Ribqaa, hojjattoonni isi'ii ka'anii gaala yaabbatanii hojjataa Abrahaamii faanaa deeman; innillee isaan fuudhee deeme. Yisaaqillee karaa burqaa «Bi'eerla hayiroo'i» jedhamtuutiin dhufee biyya Neegeebii jiraata'aa ture. Yisaaqillee haga lafti galgalaaye garaa ufii keessatti dhudhuma'aa uduu deemu ol jedhee gaallan gara isaa dhufan arge. Ribqaanillee ol jettee Yisaaqiin argitee gaala irraa buutee, «Eennu inni ka achii as deema'aaru sun? jette; hojjataanillee, «Inni gooftaa kiyya» jedheen; isiinillee hin haguuggatte. Hojjataanillee waan godhe maraa Yisaaqitti hime. Kanaan maayessa Yisaaqi qabatee gara daasee haadhaa seene; inni isii hin fuudhe; haadha manaa taateef; isii jaalatee gadda haadhaa irraanfatee jajjabaate. Abrahaam haadha manaa biraa ta Keexuraa jedhamtu fuudhe; Isiin Zamiraan, Yooqshaan, Meedaan, Miidiyaam, Yashibooqii fi Siweehiin deetteef. Yooqshaan Saabaanii fi Diidaaniin uumate; ijoolleen Diidaanii Asoorota, Laxuusotaa fi Uumaawota fa'a. Ijoolleen Miidiyaamii Geefeer, Eefer, Heenoohi, Abdaa'ii fi Eldaa fa'a; kunniin maruu ijoollee Keexura'aati. Abrahaam waan qabu maraa Yisaaqiin dhaalchise. Abrahaam ijoollee ufii ta dubartoota mata gala itti galee irraa uumateellee kennaa kennee uduma ufii lubbu'uun jiru mucaa ufii Yisaaqiin irraa fooyee gara baya biiftu'uu isaan geegesse. Abrahaam woggaa dhibba tokkoo fi torbaatamii shan jiraate; Woggaa dheeraa jiraatee umurii quufee du'ee worra isaa ka du'etti eda'ame. Ijoolleen isaa Yisaaqii fi Ismaa'eel lafa qonnaa ka Maammire'ee ka qonna Eefroonii ilma Za'aarii Keexichaa goda keessatti awwaalan. Lafti qonnaa ka Abrahaam Keexicha irraa bitee Saaraa itti awwaale kana. Abrahaam haga du'een maayessa Rabbi ilma isaa Yisaaqiin eebbise; Yisaaqillee burqaa Bi'eerla hayiroo'ii bira jiraate. Horteen Ismaa'elii ta garbittiin Saara'aa Aggaariin biyya Misirii Abrahaamii deette kana. Maqaan ijoollee Ismaa'elii hortee isaanii akkana; ilmi hangafaa ka Ismaa'elii Nabaayooti, Qeedaar, Nabdaa'el, Mabsaan, Maasmaa'i, Duumaa, Maasaa, Kudaan, Teemaan, Ixuur, Naafeesii fi Qeedimaa fa'a. Ijoollee Ismaa'elii maqaan isaanii, gandaa fi naannoon isaanii kanniin fa'a; akka gosa isaaniitiin bulchoota kudha lama qaban. Ismaa'el woggaa dhibba tokkoo fi soddomii torba jiraatee du'ee worra isaa ka du'etti eda'ame. Huleen horteen isaanii jiraatanillee Ewulaaxii ka'ee Hawila'aa fi Asuuriin jidduu hortee Abrahaamiitiin wol jibbanii gara gara fagaatanii jiraata'aa turan. Horteen Yisaaqii ilma Abrahaamii kana; Abrahaam Yisaaqiin uumate; Yisaaqi hennaa woggaa afurtamaa ta'etti Ribqaa fuudhe; isiin mucattii Baatu'eelii nama biyya Sooriya'aa ka laga lamaan jidduu jiraatuutii fi intala haadhaa ta Laabaa nama Sooriya'aati. Yisaaqi waan haati manaa isaa dhabduu taateef Rabbiin kadhate; Rabbillee hin dhagayeef; Ribqaan hin ulfoofte; Rimeenni sunniin garaa keessatti wol dhidhiiba'aa turan; isiin wonti akkanaa kun maaf na irra gaye? jettee Rabbiin kadhachu'uuf deemte. Rabbillee isi'iin «Gofti lamaan gadaamessa kee keessa jira; gosa lamaan ka wolii hin galle deetta; gofti tokko gosa kaan caala; hangaftichi maandhichaa ajajama» jedhe. Hennaan deettu geennaan lakkuu deette. ka duraa dhalate bifti isaa diima'a; nafti isaa maruu rifeensa qaba; maqaa isaa Eesawu jedhaniin. Achiin maayessa obboleessi isaallee dhalate; inni harka ufiitiin koomee Eesawu'uu qabatee ture; maqaa isaa Yaaqoob jedhaniin. Ribqaan hennaa ijoollee tana deettu Yisaaqi nama woggaa jahaatamaa ture. Ijoolleen lachuu guddatanii Eesawu nama gammoojjii keessatti dhadhoolu ta'e; Yaaqoob ammo nama cadhisaa qe'ee oolu ta'e; Yisaaqi dhadhoolee waan isa nyaachisuuf Eesawuu jaalata; Ribqaan ammo Yaaqoobiin jaalatti. Yaaqoob uduu ittoo hojjata'aaru; Eesawu lafa gammoojji'iitii galee Yaaqoobiin «Ani waan guddisee beelayeeruuf ittoo diimaa kana irraa na nyaachisi» jedheen; kanaaf maqaan Edoom jedhame. Yaaqoob, «Dura hangafummaa kee natti gurguri» jedheen. Eesawullee, «Ani beelaan du'u'uuf ta'aa hangafummaan kiyya kun maal naa godha?» jedhe. Yaaqoobillee, «Dura naa kakadhu» jennaan kakateefii hangafummaa ufii Yaaqoobitti gurgurate. Yaaqoob Eesawu'uu buddeenaa fi ittoo kenneef; innillee haga nyaatee dhugeen maayessa hin deeme; akka kanaan hangafummaa ufii salphise. Beelli bara Abrahaam jiruu caalaa beelli guddaan lafa irratti dhufe; Yisaaqillee gara Abemelekii mootii Filisxeemii gara Geerara'aa dhaqe. Rabbi itti mudhatee, «Gara biyya Misirii hin dhaqin; hulee ani siin jedhu taa'i; ani si woliin ta'aa; si eebbisaa; biyya kana maraa si'ii fi hortee keetiifillee hin kennaa; waadaa abbaa kee Abrahaamii galellee hin raawwadha. Hortee kee akka urjii Sami'ii baay'isa; lafa kanniin maraa hortee keetii kenna; baniin biyya lafaa maruu hortee keetiin eebbifama. Abrahaam dubbii kiyya dhagayeera; murtii kiyya, ajaja, sirnaa fi seera kiyya eegeera» jedheen. Kanaafuu Yisaaqi Geeraraa keessa jiraate; namoonni biyya sanii haati manaa isaa waan bareedduu taateef maali'itti akka isaa ooltu isa gaafatan. Inni ammo, «Isiin obboleettii tiyya» jedhe; namoonni biyya sanii Ribqa'aaf jedhanii akka isa hin ajjeefneef haadha manaa tiyya jechuu sodaatee; guyyaa hedduu haga achi taa'aniin maayessa mootiin Filisxeemii Abemelek fulee fodda'aa keessaan hennaa Yisaaqi haadha manaa ufii Ribqaa taphsiisu arge. Kanaafuu Abemelek Yisaaqiin waamee, «Isiin haadha manaa teeti! attamitti ‹isiin obboleettii tiyya› jetta?» jedhee gaafate; Yisaaqillee «Akka sababaa isi'iitiif hin duuneef kana jedhe» jedhee deebiseef. Abemelekillee, «Maaf akkana nu goote? banii keessaa namni tokko haadha manaa tee bira gawu'uuf hennama diqqo'otu hafe; cubbuu natti fiddee oolte» Abemelek banii maraan, «Haadha manaa nama kanaa yookaan namni nama kana tuqu haa du'uu» jedhee seere. Biyya sanitti Yisaaqi sanyii facaasee baruma sanitti waan Rabbi isa eebbiseef dachaa dhibbaa argate; Yisaaqi guddisee dureessa ta'e. Waan hoolotaa fi loon horee garboonnillee guddisanii baay'ataniif worri Filisxeemii isatti hinaafan. Kanaafuu boolla hojjattoonni bara Abrahaamii abbaa isaa qotan maraa worri Filisxeemii biyyee itti guutanii jalaa duuchan. Hennaa san Abemelek Yisaaqiin, «Nu caalaa waan jabaatteertuuf nu keessaa bayii deemi» jedheen. Yisaaqillee achii godaanee dhooqa Geerara'aa keessa jiraate. Yisaaqi boollan bisaanii ka bara Abrahaamii abbaa isaa qotame haga inni du'e worri Filisxeemii duuche Yisaaqi deebisee qotee maqama duraan abbaan isaa waamu saniin waame. Hojjattoonni Yisaaqiillee dhooqa keessa boolla biraa qotanii burqaa bisaanii ka burqu argan. Tisseen biyya Geerara'aa ammo tissee horii Yisaaqii woliin wol arganii wol morman; waan «Bisaan keenna» jedhanii wol mormaniif maqaa boollattii sanii «Eseeq » jedhee itti baase waan sababaa isi'iitiif wol lolaniif. Boolla biraallee qotanii san irrattillee wol lolan; maqaa isi'iillee «Sixinaa » jedhee itti baase. Ammallee achi siiqee boolla biraa qochisiise; isii irratti waan wol hin lolleef maqaa isi'ii «Rihooboot » jedhee waame; Rihooboot jechuun Rabbi nuu badhise, lafa irrattillee hin baay'anna jechu'u. Achiin maayessa Yisaaqi gara Beersaabeehii dhaqe; halkan san Rabbi itti mudhatee, «Ani Waaqa Abrahaamii abbaa keetiiti; hin sodaatin ani si woliin jiraa, si eebbisaa, garbicha kiyya Abrahaamiif jedhee fixaa kee baay'isaa» jedheen. Yisaaqi achitti hulee ciinca'aa hojjatee maqaa Rabbii waame; achitti daasee ijaare; hojjattoonni Yisaaqiillee achumatti boolla bisaanii ka biraa qotatan. Abemelek, gorsaan isaa Akoozaatii fi bulchaan loltootaa Fiikoolillee Geerara'aa gara isaa dhaqan. Yisaaq, «Na jibbitanii uf irraa na hin ariinee? maaf gara kiyya dhuftan?» isaaniin jedhe. Isaanillee, « Dhugamaan akka Rabbi si woliin jiru argineerra, kanaaf nu akka si hin miinee fi mishummaa callaa akka sitti mudhifne, nagayaan akka si geegessine amma akka Rabbi si woliin jiruu fi nama Rabbi eebbise akka taate arginee nu'uu fi si'i jidduu waadaa kaayachu'uuf dhufne» jedhaniin. Yisaaqillee waan nyaatan isaanii dhiyeesse; isaanillee nyaatanii dhugan. Ganamaan ka'anii wolii kakatan; Yisaaqillee isaan geegesse; isaanillee nagayaan isa biraa deeman. Gaafasuma hojjattoonni Yisaaqii dhufanii akka boolla qotanii bisaan argatan Yisaaqitti himan. Inni maqaa isi'ii «Saabeehi» jedhee itti baase; kanaaf qachattiin sun haga adhaa «Beersaabeehi» jedhamti. Eesawu fiixaa ufiitiin al fuudhe; Eesawu hennaa umuriin isaa woggaa afurtamaa ta'u mucattii Bi'eerii nama Keexotaa Yoodiitii fi mucattii Eeloonii nama Keexotaa Beeseemootiinillee hin fuudhe. Fuuti kun Yisaaqii fi Ribqaa gaddisiisa'aa ture. Yisaaqi jaaree hennaa ijaan arguu dadhabe ilma ufii ka hangafaa Eesawu'uun, «Ilma kiyya» jedheen; innillee «Yaa» jedhe. Ani kunoo jaareera; guyyaa du'u hin beeku. Kanaafuu amma ebo'oo fi buundhee ittiin dhadhooltu fudhadhuutii gara lafa onaa dhaqii dhadhoolii uduu hin duune akka si eebbisu, nyaata mi'aayaa hojjadhuu naa fidi» jedheen. Ribqaan hennaa Yisaaqi ilma ufii Eesawu'utti himu dhagaya'aa turte; Eesawullee dhadhoolee waan abbaan isaa jedheen san fidu'uuf deeme. Ribqaan ilma ufii Yaaqoobiin, «Abbee obboleessa kee Eesawu'uun ‹Busaawaa dhadhoolii foon mi'aayaa naa fidi; uduu hin duune nyaadhee Rabbiin afo'otti si eebbisaa› hennaa jedhuun dhagaye; amma ilma kiyya waan ani siin jedhu dhagayi; gara tikaa dhaqiitii korbeeyyii re'iinii lamaan mimmichuu naa fidii akka inni si eebbisu ani qalee nyaata mi'aayaa abbee jaalatu qopheessaafii. Ati uduu inni hin duune akka si eebbisu kennitaafii» jetteen. Yaaqoob haadha ufii Ribqa'aan, «Obboleessi kiyya Eesawu nafti isaa rifeensa qaba; ani ammo nafa irraa rifeensa hin qabu; maal laataa yoo abbaan kiyya nafa kiyya qaqqabee akka isa sobe beeke eebba fudhachu'uuf abaarsa fudhadha» jedheen. Haatillee isaan, «Abaarsi sun bikka kee na irra haa ta'u; woma ani siin jedhe callaa dhagayii deemii fidi» jetteen. Kanaafuu inni dhaqee fidee haadhatti kenne; haati isaa ammo nyaata mi'aayaa akka abbaan jaalatutti hojjatte. Ribqaan uffata mishaa mucaa hangafaa ka Eesawu'uu fuutee ilma ufii ka maandha'aa Yaaqoobitti uwwiftee gogaa korbeeyyii re'iiniillee fuutee harkaa fi mormatti marte; nyaata mi'aayaa hojjatte sanii fi buddeena fuutee ilma ufii Yaaqoobitti kennite. Innillee gara abbaa ufii seenee, «Aabbaa!» jedheen. innillee, «Yaa ilma kiyya! ati ilma kiyya kami?» jedheen. Yaaqoobillee, abbaa ufiitiin «Ani ilma kee ka hangafaa Eesawu'u; waan ati naan jette godhee garaan kee akka na eebbisu ol jedhii taa'ii waan dhadhoolee fide kana nyaadhu» jedheen. Yisaaqillee ilma ufiitiin, «Mucaa kiyya! attamitti daddaftee argatte?» jedheen; Innillee, «Rabbi Waandhi kee waan na gargaareef daddafee argadhe» jedheen. Yisaaqi Yaaqoobiin, «Ilma kiyya! akka ati Eesawuu taatee fi hin taane qaqqabee si laalaa gara kiyya as siiqi» jedheen. Yaaqoobillee gara abbaa ufii siiqe; inni isa qaqqabee «Laagaan kee laagaa Yaaqoobii, harki kee ammo harka Eesawu'uu fakkaata» jedheen. Inni eennuun akka ta'e isa hin beenne; waan harki isaa akka harka obboleessa isaa Eesawu'uu ka rifeensa qabu ta'eef isa eebbise. Innillee, «Ati ilma kiyya Eesawu'uu? jennaan innillee «Ee anuma» jedheen. «Waan ilmi kiyya dhadhoolee fide nyaadhee quufee garaan kiyya akka si eebbisu naa dhiyeessi» jedheen; innillee dhiyeesseefii jennaan nyaatee daadhii woyini'iillee dhugee, abbaan isaa Yisaaqi «Ilma kiyya; as siiqii na dhungadhu» jedheen. Innillee itti siiqee dhungate; Yisaaqi uffata Yaaqoobii ulatee; «Urgaan mucaa kiyyaa akka urgaa qonna maasa'aa ka Rabbi eebbiseeti; Rabbi Samii irraa copha si jiisu sii haa kennu! lafa teellee sii haa lalisiisu! midhaanii fi woyiniillee guddisee sii haa kennu! ormi maruu sii haa ajajamu; baniin maruu sii haa sagadu; ati mootii obboleewwan teetii ta'i; ilmaan haatetii sii haa sagadan; ka si abaaru haa abaaramu; ka si eebbisu haa eebbifamu» jedhee eebbise. Yisaaq Yaaqoobiin eebbise; Yaaqoobillee haga abbaa ufii biraa bayeen maayessa hennama san Eesawu dhadhoolaa gale. Innillee akkasuma nyaata mi'aayaa hojjatee gara abba'aa dhaqee «Aabbaa; Ka'i akka garaan kee na eebbisu waan ani ilmi kee dhadhoole kana nyaadhu» jedheen. Abbaan isaallee «Ati eennu?› jedheen. Innillee, «Ani mucaa kee ka hangafaa Eesawu'u» jedheen. Yisaaqillee guddisee nayee, «Ka dura dhadhoolee naa fide eennu? uduu ati hin dhufne nyaadhee isa eebbise» jedheen. Eesawullee hennaa waan abbaan jedheen dhagaye guddisee iyyee abba'aan «Anallee eebbisi» jedheen. Abbaan isaa «Obboleessi kee sobee seenee eebba kee fudhate» jedheen. Eesawullee, «Inni hennaa lammataatiif waan na gufachiiseef Yaaqoob jedhamuun isaa sirri'i; tanaan dura hangafummaa kiyya na irraa fudhate; amma ammo eebba kiyya na jalaa fudhate; Aabba amma eebba naa hin hambifnee?» jedheen. Yisaaqillee deebisee Eesawu'uun, «Ani mootii kee isa taasise; obboleewwan kee martinuu akka isaa ajajaman godhe; sanyii midhaaniitii fi woyini'iillee isaa eebbise; mucaa kiyya! maaluma sii godha?» jedheen. Eesawullee abbaa ufiitiin, «Aabba! eebbi kee takkattimaa? yabo'oo anallee eebbisi» jedhee laagaa ol qabatee booye. Abbaan isaa Yisaaqillee deebisee «Huleen ati jiraattu ka lafa gabbate irraa fagaatee fi ka rooba Sami'ii hin arganne; Ati woraanaan jiraatta; Hojjataa obboleessa keetii taata; hennaa aartee itti kaate ba'aa san uf irraa buufta» jedheen. Eesawu waan abbaan isaa Yaaqoobiin eebbiseef Yaaqoobiin irratti gadoo qabatee «Abbaan kiyya waan du'uu gayeef ani obboleessa kiyya Yaaqoobiin hin ajjeesa› jedhee yaade. Jechi mucaa hangafaa ka Eesawu'uu Ribqaa bira geennaan mucaa ufii ka maandha'aa Yaaqoobiin nama itti ergitee waamsiftee «Obboleessi kee Eesawu si ajjeesu'uuf ta'a; amma ilma kiyya waan ani sii jedhu dhagayii obboleessa kiyya Laabaa bira dhaqiitii guyyaa hagoo isa bira taa'i; haga aariin obboleessa kee irraa baduuf; haga waan ati isa goote irraanfatuuf; achiin maayessa nama sitti ergee si waamsisa isin lamaanuu guyyama tokko maaf dhaba?» jetteen. Ribqaanillee Yisaaqiin, «Ani uf jibbe; Yaaqoob dubartoota biyya sanii keessaa waan intala fuudhu yoo ta'e jiraachuu na hin barbaachisu du'a filadha» jette. Yisaaqi Yaaqoobiin waamee eebbisee akkana jedhee ajaje, «Ijoollee dubartoota Kana'aanii keessaa intala hin fuudhin; ka'iitii gara abbaa haatetii gara mana Baatu'eelii dhaqii achii ijoollee eessuma kee ta Laaba'aa keessaa takka fuudhi; Waandhi maraa danda'u si haa eebbisu! lafa baqattee keessa jiraatte ta Rabbi Abrahaamii kenne akka dhaaltu Rabbi eebba Abrahaamii kenne fiixaa keetii fi si'iillee haa kennu!» Innillee ka'ee gara Laabaa ilma Baatu'eelii nama Sooriya'aa obboleessa Ribqa'aa haadha Yaaqoobiitii fi Eesawu'uu bira laga lamaan jidduu dhaqe. Eesawu haga Yisaaqi Yaaqoobiin akka eebbisee fi achii akka intala haa fuudhu'uuf gara laga lamaan jiddu'uu erge beeke, hennaa isa eebbisu «Dubartoota Kana'aanii keessaa haadha manaa hin fuudhin» jedhee akka isa ajaje dhagaye; Yaaqoobillee jecha haadhaatii fi jecha abbaa ufii dhagayee laga lamaan jidduu akka dhaqe hubate; Dubartoonni Kana'aaniillee Yaaqoobiin afo'otti akka jibbaman Eesawu haga arge, gara Ismaa'elii dhaqee haawwota manaa isaa ta dura qabu irratti akka haadha manaa isaa taatu Maahilaatiin fuudhe; isiin mucattii ilma Abrahaamii Ismaa'eliitii fi obboleettii Nabaayootiiti. Yaaqoob Beersaabeehiin dhaqee hulee takka gayee, aduun waan dhiiteef achi bule; achii dhagaa fuudhee boraafatee hulema san rafe. Halkan san eebju'uun kortoon lafaa haga Sami'ii gawu maleekkonni Rabbii hennaa kortoo kana irra kora'aa bu'an arge. Rabbi kortoo sanniin gubbaa dhaabatee «Ani Waaqa Abrahaamii abbaa keetiitii fi Rabbii Waaqa Yisaaqiiti; lafa ati amma irra bulte tana si'ii fi hortee keetii kenna; Horteen kee akka xidhacha galaanaa baay'ata; gara bayaa fi dhiyaa, gara kaabaa fi kibbaa hin badhata; baniin biyya lafaa maruu si'ii fi hortee keetiin eebbifaman. Ani waan si woliin jiruuf karaa deemtu marattuu si eega; gara biyya tanaallee si deebisa; waan sitti hime maraa haga sii godhuuf ani si hin dhiisu» jedheen. Yaaqoob hirribaa dammaqee, «Dhugamaan Rabbi hulee kana jira ani ammo hin beenne» jedhe. Guddisee waan sodaateef, «Huleen kun attamitti nama sodaachisa! huleen kun mana Rabbiiti malee waan biraatii miti; kun balbala Sami'iiti» jedhe. Yaaqoob ganamaan ka'ee dhagaa boraafatee bule san fuudhee soodduu dhaabee sayitii ejersaa itti buusee, hulee san, «Beeteel » jedhee itti baase; qachaan sun duraan Loozaa jedhamti ture. Achiin maayessa Yaaqoob akkana jedhee silata qabe «Rabbi na woliin jiraatee karaa ani deemu marattuu yoo na eege, waan nyaadhuu fi waa uffadhu yoo naa kenne, gara mana abbaa kiyyaa yoo nagayaan na deebise, Rabbi Waaqa kiyya naa ta'a. Dhagaan ani soodduu dhaabe kun mana Rabbii ta'a; waan ati naa kennite maraa keessaa kurneessoo sii kenna» jedheen. Yaaqoob gara namoota biyya baya biiftu'uu jiraatanii deeme; raasaa sanittillee boolla arge; naannoo boollaa sanitti tika hoolotaa ka hulee sadihitti wolitti qabamaniiran arge; namoonni boolla bisaanii san keessaa hoolota ufii obaafatan; dhagaan afaan boollaa jiru ammo guddaa ture. Hennaa tinni hoolotaa achitti wolitti qabaman dhagaa afaan boollaatii kaasanii hoolota ufii obaafatanii dhagaa san deebisanii boolla bisaaniititti qadaadan. Yaaqoob worra hoolota tissuun, «Obboleewwan tiyya; isin namoota eessaati?› jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Biyya Kaaraaniitii dhufne» jedhaniin. Inni, «Laabaa ilma ilma Naakoorii beettuu?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Ee hin beenna» jedhaniin. Yaaqoob, «Inni nagaya jiraa?» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Ee nagaya jira; kunoo ammaa mucattiin isaa Raaheel hoolota qabdee dhufa'aarti» jedhaniin. Yaaqoob, « hennaan guyyaa waan ta'eef, hennaan tika galchan waan hin geenneef amma hoolota bisaan obaasa'aatii bobbaasaa'a» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Haga tinni hoolotaa wolitti qabamee dhagaan afaan boollaa irraa gara galuu nu womaa goonee hin dandeennu; yoo isaan maruu dhufan tokkumma'aan dhagaa gara galchinee hoolota obaafna» jedhaniin. Uduma inni waan kana isaan woliin dubbata'aaru mucattiin Laaba'aa Raaheel hoolota abbaa ufii qabattee dhufte isiin waan hoolota abbaa ufii tissituuf; Yaaqoobillee mucattii obboleessa haadha isaa ta Laaba'aa Raaheelii fi hoolota eessuma isaa Laaba'aa haga arge itti dhiyaatee dhagaa afaan boollaa jiru iraa kaasee hoolota eessuma ufii ka Laaba'aa bisaan obaase. Achiin maayessa Yaaqoob Raaheeliin dhungatee laagaa ufii ol qabatee booye; Yaaqoobillee fira abbaa isi'iitii fi ilma Ribqa'aa ta'uu ufii Raaheelitti hime; isiinillee fiiddee waan kana abbaa ufiititti himte. Laabaanillee oduu ilma obboleettii ufii Yaaqoobii haga dhagaye isa simachu'uuf fiigee dhaqee ammateenii dhungatee mana ufii isa seensise. Yaaqoobillee waan maraa Laaba'atti hime. Laabaanillee, «Ati dhugamaan lafe'ee fi foon kiyya» jedheen; innillee haga ji'a tokkoo isa woliin taa'e. Laabaan Yaaqoobiin, «Ati fira kiyya waan taateef akkanumaan tola naa hojjattaa? gatiin kee meeqa? mee natti himi» jedheen. Laabaan ijoollee durbaa lama qaba; maqaan ta hangafaa Liya'a; ta maandha'aa Raaheel. Liyaan ijji isi'ii kalaamsu'u; Raaheel ammo bareeda dhaaba michu'uuti. Yaaqoob Raaheeliin jaalatee «Ani waan mucattii teetii Raaheeliif woggaa torbaa sii hojjadha» jedheen. Laabaanillee, «Ka nama biraatii kennee mannaa ka sii kenne woyyaa na woliin taa'i» jedheen. Yaaqoob Raaheeliif jedhee woggaa torbaa isaa hojjate; waan guddisee isii jaalatuuf woggaan torbaa sun akka guyyaa hago'oo ta'eef. Yaaqoobillee Laaba'aan, «Woggaan torbaa raawwatameeraa mucattii tee naa kenni» jedheen. Laabaanillee cidha qopheessee namoota naannoo sanii waamee, hennaa aduun dhiite Liyaa Yaaqoobitti heerumsiise; innillee hin fuudhe. Laabaanillee mucattii ufii Liya'aa garbittii Zalafaa jedhamtu kenneef. Haga lafti bariite yoo laalu isiin Liya'a; Yaaqoob Laaba'aan, «Maaf akkana na goote? ani ka sii hojjadheef Raaheeliifii mitii? maaf na sobde?» jedheen. Laabaanillee, «Biyya keennatti uduu ta hangafaa jirtu ta maandha'aa kennuun aadaa keennaa miti; torbaan tokko fixiitii woggaa torbaa naa hojjadhu isiillee sii kennaa» jedheen. Yaaqoobillee akkasuma godhe; haga idaayyummaa torbaan tokko fixeen maayessa Laabaan mucattii ufii Raaheeliinillee akka haadha manaa isaa taatu fuudhee kenneef; Laabaan mucattii ufii Raaheeliif garbittii Baalaa jedhamtu kenneef. Yaaqoobillee Raaheeliin fuudhee Liyaa caalaa isii jaalatee ammallee woggaa torbaa isi'iif jedhee Laaba'aa hojjate. Rabbi akka Liyaan jibbamte argee gadaamessa isi'ii bane; Raaheel ammo dhabduu turte; Liyaan ulfooftee ilma deettee Roobeel jettee itti baafte; «Rabbi rakkinna kiyya argeera; ammaa achi abbaan manaa kiyya na jaalata» jette. Ammallee ulfooftee dhiira deettee «Rabbi akka ani jibbame dhagayee kana naa eda'e» jettee maqaa isaa Simoon jettee itti baafte. Ammallee ulfooftee dhiira deettee «Waan ani ilmaan sadihii dayeefiif abbaan manaa kiyya na jaalata» jettee maqaa isaa Leewwii jettee itti baafte. Akkasuma ammallee ulfooftee ilma deettee «Amma Rabbiin galatoonfadha» jettee maqaa isaa Yihuudaa jettee itti baaftee daya dhaabde. Raaheel Yaaqoobiif akka ijoollee hin deenne haga uf beette obboleettii ufiititti hinaaftee Yaaqoobiin, «Finna naa kenni, yoo naa hin kenninee ani hin du'a» jetteen. Yaaqoobillee Raaheelitti aaree lolee, «Maal ani Rabbii dhala si dhooggatee?» jedheen. Isiinillee, «Kunoo garbittiin tiyya Baalaan hin jirtii isii bira gayi; isiin bakka kiyya buutee finna haa deettuu; ijoolleen isiin deettu tiyya haa taatuu» jetteen. Kanaafuu Raaheel garbittii ufii Baalaa akka haadha manaa isaa taatu Yaaqoobii kennite; innillee isii bira gaye; Baalaan ulfooftee Yaaqoobiif ilma deette; Raaheel, «Rabbi kadhaa kiyya dhagayee naa murteessee ilma naa kenne» jettee maqaa isaa Daan jettee itti baafte. Garbittiin Raaheelii Baalaan ammallee ulfooftee Yaaqoobiif ilma lammeesso'oo deette. Raaheel, «Ani morka guddaa obboleettii tiyyatti morkadhee mooyadhe» jettee maqaa isaa Niftaaleem jettee itti baafte. Liyaan akka daya dhaabde haga hubatte garbittii ufii Zalafaa fuutee akka haadha manaa isaa taatu Yaaqoobii kennite; garbittiin Liya'aa Zalafaanillee Yaaqoobii ilma dhiiraa deetteef; Liyaanillee, «Kun baasa» jettee maqaa isaa Gaad jettee itti baafte. Garbittiin Liya'aa Zalafaan ammallee ilma dhiiraa Yaaqoobii deette. Liyaan, «Ani guddisee gammade; amma dubartoonni ‹Ta gammadde!› naa jedhan» jettee maqaa isaa Aseer jettee itti baafte. Roobeel ji'oota qamadiin haamamu bayee qonna keessaa gumaa akka gumaa mujulo'oo argee haadha ufii Liya'aa fide; Raaheel Liya'aan «Mujuloo ilma keetii naa kenni» jetteen. Isiinillee, «Ka abbaa manaa kiyya na jalaa fudhatte hanqatee ammallee gumaa mujuloo ilma kiyyaa na jalaa fudhachuu barbaaddaa?» jetteen; Raaheelillee «Maarre waan gumaa mujuloo ilma keetii na kenniteef adha galgala inni si woliin haa buluu» jetteen. Yaaqoobillee aduun dhiinaan hennaa inni diidaa galu Liyaan isa simachu'uuf gad baatee, «Adha na woliin bulta; waan ani gumaa mujuloo ilma kiyyaatiin si kireeffadheef» jetteen; Yaaqoobillee halkan kana isii woliin bule. Rabbi kadhaa Liya'aa dhagayee isiinillee ulfooftee ilma shaneesso'oo Yaaqoobii deette. Liyaan, «Ani waan garbittii tiyya abbaa manaa kiyyaa kenneef gatii kiyya Rabbi naa kenne» jettee maqaa isaa Yisaakoor jettee itti baafte. Liyaan ammallee ulfooftee ilma jaheesso'oo Yaaqoobii deette. Liyaan, «Rabbi waan mishaa naa kenne; ammaa achi abbaan manaa kiyya na woliin jiraata; waan ani ijoollee dhiiraa isaa dayeef» jettee maqaa isaa Zaabiloon jettee itti baafte. Achiin maayessa intala deettee maqaa isi'ii Diinaa jettee itti baafte. Rabbi Raaheeliin yaadatee kadhaa isi'iillee dhagayee gadaamessa isi'ii baneef. Isiinillee ulfooftee ilma deettee «Rabbi maqaa arrabaa na irraa dhiqe; ammallee Rabbi ilma naa haa eda'uu jettee maqaa isaa Yooseef jettee itti baafte. Raaheel haga Yooseefiin deetteen maayessa Yaaqoob Laaba'aan «Amma ani gara biyya kiyyaa deebi'a; Haadha manaa tiyya lamaan ta ani sii hojjadhee naa kennitee fi ijoollee tiyya naa kenniitii na geegessi ani hin deemaa; haga ani sii hojjadhe hin beettaa» jedheen. Laabaanillee, «Yoo ani si afo'otti kabajjamee jiraadhe asuma taa'i, Rabbi akka sababaa keetiif na eebbise argeeraa; mindaa kee natti himi isa sii kennaa» jedheen. Innillee, «Loon keellee attamitti akka tisse hin beetta, uduu ani si bira hin dhufneen dura wonti ati qabdu diqqoo ture; amma ammo horteerta, sababaa ani gara kee dhufeef Rabbi si eebbise; ani ammo yoom ufiif hojjadha?» jedheen. Innillee, «Maal sii kenna?» jedheen. Yaaqoobillee, «Womaa naa hin kennin; yoo ati waan kana naa goote ammallee deebi'ee hoolota tee tissee bobbaasa; adha ani hoolota tee jidduu lufa'aa hoolota babarruu, sassaaqa'aa fi gugurraa maraa, re'iin keessaallee sassaaqa'aa fi babarruu fooya; isaan kunniin mindaa kiyya haa ta'anii» jedheen. Kanaafuu gatii kiyya ka ani si biraa qabu laalu'uuf hennaa dhufu qajeellummaan kiyya naa ragama; re'iin keessaa babarru'uu fi sassaaqaa ka hin qabne, ilmoolee hoolotaa keessaallee ka gugurraa hin taane maruu yoo na biratti argaman akka waan ani hateetitti haa laallamuu. Laabaanillee, «Akkuma ati jette haa ta'uu» jedheen. Gaafuma san korbeeyyii re'iiniitii fi goromoota saaqaa qabu, re'iin dhadhaltuu keessaa babarruu, saaqaa, adii maraa, hoolota keessaallee hoolota gugurraa maraa fooyee ijoollee ufiititti kenne. Isaa fi Yaaqoobiin jidduu deemsa guyyaa sadihii irraa fageesse; Yaaqoob Laaba'aa hoolotaa fi re'iin hafan tissa'aa ture. Yaaqoobillee uleewwan jiituu mukkiin adda addaa ka Libin, Lawuzii fi Ermoon jedhamu irraa fuudhee uleewwan sanniin babarruu godhee quuncise. Uleewwan quuncise sanniin hennaa tinni hoolotaa bisaan dhugu'uuf dhufan gongaa hoolonni bisaan keessaa dhuddu keessa afoo isaanii kaayee hoolonni hennaa bisaan dhugu'uuf dhufan uleewwan sanniin laalanii tola fuudhu'uuf kajeela'aa turan. Hoolonnillee waan uleewwan sanniin laalanii tola fuudhuu kajeelaniif tola fuudhanii ilmoolee babarruu, bibbidu'uu fi sassaaqaa dhalan. Yaaqoob korbeeyyii adda fooyee gugurraa maraa hoolota Laaba'aa afoo dhaabsise; tika hoolotaa taawwan ammo hoolota Laaba'aatitti hin edaane. Yaaqoob hoolonni jajjabaannaan hennaa tola fuudhuu kajeelan uleewwan babarruu sanniin laalanii bifa uleewwan sanniiniitiin akka tola fuudhan uleewwan sanniin fuudhee gongaa hoolonni bisaan keessaa dhuddu keessa kaaye. Uleewwan sanniin hoolota dadadhabduu afoo hin kaawu ture; hoolonni huqqatan ta Laaba'aati; hoolonni qanani'an ammo ta Yaaqoobii ta'an. Yaaqoob guddisee duroome; horii, dubartoota, dhiira, garboota, gaallanii fi harriin hedduu hin horaniif. Ijoolleen dhiiraa ta Laaba'aa, «Yaaqoob qabeenna abbaa keennaa fudhate» jedhanii hennaa dubbatan Yaaqoob dhagaye. Yaaqoob hennaa fuula abba'aa laalu akka duraaniitii miti. Hennaa san Rabbi Yaaqoobiin « gara biyya abbeetii gara fira keetii deebi'i; ani si woliin ta'aa» jedheen. Kanaafuu Yaaqoob Raaheelii fi Liyaa nama itti ergee gara hulee hoolonni jirtuu isaan waamee, «Fuulli abbaa keessanii anaaf akka duraaniitii miti; ammo Waandhi abbaa kiyyaa na woliin jira; ani hunna qabu maraan akka abbaa keessanii hojjadhe hin beettan. Abbaan keessan ammo na sobee mindaa kiyya harka kudhanii jijjiire; Rabbi ammo akka inni na miidhu hin barbaanne. ‹Hoolonni babarruun mindaa kee haa taatuu› naan jennaan hoolonni maruu ilmoolee babarruu dhalte; ammallee ‹Mindaan kee hoolota bibbiduu haa taatuu› jennaan hoolonni maruu bibbiduu dhalte; Rabbi hoolota abbaa keessan irraa fuudhee naa kenne. Hoolonni sunniin hennaa tola fuudhuu kajeelan re'iin korbeeyyii babarruu, bibbiduu, sassaaqaa qabanii hennaa itti bobbaasan arge. Maleekkaan Rabbii eebju'uun, ‹Yaaqoob!› naan jedhe; anillee ‹Yaa› jedheen. ‹Ol jedhii laali korbeeyyiin hoolotaa fi korbeeyyiin re'iinitti hobobsan babarruu, sassaaqa'aa fi bibbidu'u; ani waan Laabaan si godhe maraa argeeraa» jedheen. Rabbi Waandhi Beeteelii ka ati soodduu dhaabdee muuddee fi silata qabdeef ana; ammallee ka'iitii biyya kanaa bayii gara biyya itti dhalattee deebi'i» jedhe. Raaheelii fi Liyaan deebisanii «Mana abbaa keennaatitti gayeen keennaa fi ristiin nu hafeeraa laata? Nu'u isa biratti akka nyaaphaatitti hin laallamnee? inni nu gurguratee gatii keenna nyaateera. Kanaaf horiin Rabbi abbaa keenna irraa fuudhe maruu keennaa fi ka ijoollee teennaati; amma ka'iitii waan Rabbi siin jedhe maraa godhi» jedhaniin. Yaaqoobillee ka'ee ijoolle'ee fi haawwota manaa ufii gaallan yaabbisee; horii ufii, mi'a mana ufii, horii hennaa laga lamaan jidduu jiru argate maraa qabatee gara biyya Kana'aanii ka Yisaaqii abbaa ufii dhaqe. Hennaa Laabaan rifeensa hoolota ufii ciru'uuf deeme Raaheel waaqa sobaa ka harki namaa hojjate ka abbaa ufii hatte. Yaaqoob Laabaa nama Sooriya'aa ganee bade; akka badellee itti hin himne. Inni waan ufii qabu maraa qabatee badee laga ceeyee gara gaara Gala'aadii dheesse. Guyyaa sadeesso'ootitti Yaaqoob akka dheessee bade Laaba'atti himan. Laabaan obboleewwan ufii woliin karaa deemsa guyyaa torbaa hordofee gaara Gala'aadii irratti isa dhaqqabe. Rabbi halkan eebju'uun gara Laabaa nama Sooriya'aa dhufee «Waan hamaa akka itti hin dubbanne uf eegi» jedheen. Laabaanillee gaara irra hulee Yaaqoob daasee itti ijaaratetti dhaqqabeen; Laabaanillee obboleewwan ufii woliin gaara Gala'aadii irratti daasee ijaaratee; «Maaf waan kana goote? na gantee dheessitee ijoollee tiyyallee akka waan woraanaan booji'amaniititti fudhattee deemte; Maaf dhokattee dheessite? maaf na gantee dheessite? gammachu'uun, sirbaan, dibbe'ee fi kiraaraan akka si geegessu maaf natti hin himne? ijoollee tiyya ta dhiiraatii fi ta intalaa akka dhungadhu maaf natti hin himne? waan kana balleessiteerta; Silaa ani waan hamaa si irratti hojjachu'uuf hunna qaba; ammo kaleessa Waandhi abbaa keessan ‹Yaaqoobiin jecha hamaa akka itti hin dubbanne uf eegi› jedhee natti hime; ammallee yoo mana abbeetii yaadde deemi; ammo waaqolee tiyya maaf hatte?› jedheen. Yaaqoobillee deebisee Laaba'aan, «Ijoollee tee waan na harkaa fudhattu seeyee sodaadhee kana godhe, namni waaqolee kee fuudhe ammo haa du'uu; wonti kee yoo na biratti argame obboleewwan teenna afo'otti soqii fudhadhu» jedhe. Yaaqoob akka Raaheel hatte waan hin beenneef. Laabaan gara daasee Yaaqoobii, gara daasee Liya'aatii fi gara daasee garboota lamaanii seene; ammo womaa hin argine; daasee Liya'aatii bayee gara daasee Raaheelii seene. Raaheel waaqa tolfamaa san fuutee kooraa gaalaa jalatti dhossitee irra teette; Laabaan daasee maraa keessa soqee womaa hin argine. Isiinillee abbaa ufiitiin, « Sababaa garaa argeeruuf si'i afoo dhaabachuu hin dandeennee naan hin lolin» jetteen; innillee waaqa tolfamaa hin argine. Yaaqoob Laaba'aan lolee, «Ani maali'iin si yakke? wonti ati hagana na ariiteef maali'i? haga meeshaa kiyya maraa keessa soxxe mi'a mana keetii maal argite? isaan nu lamaan jiddu'utti akka murteessan obboleewwan tiyyaa fi obboleewwan tee afoo nu dhiyeessi» jedheen. Woggaa diddamaa guutuu si woliin jiraadhee re'iinii fi hoolonni tee gara'aa hin ganne; tika korbeeyyi'ii kee keessaa ani womaa hin nyaanne ka bineensi nyaate sii fidee hin beeku; ka guyya'aa fi halkan hatamellee ana kaffalchiifta ture; Oo'i guyya'aatii fi qorri halkanii na miidhee hirriba dhabe. Woggaa diddamaa mana kee akkanumaan taa'e; woggaa kudha afurii waan ijoollee intalaa tee lamaaniitiif, woggaa jahaa hoolota tee argachu'uuf sii hojjadhe mindaa kiyya hennaa kudhan jijjiirte Waandhi Abrahaamii ka abbaan kiyya Yisaaqi Waaqeffatu uduu na woliin jiraatuu baatee silaa harka duwwaa gad na dhiifta; Rabbi rakkinna kiyyaa fi xaarii tiyya laalee si seere» jedheen. Laabaanillee Yaaqoobiin, «Ijoolleen intalaa ijoollee tiyya; daa'immanillee daa'imman tiyya; tinni hoolotaa kiyya; wonti arga'aartu kunniin maruu kiyya; adhallee ijoollee intalaa tiyya tanniinii fi ijoollee isaan dayan irratti maal godhuu danda'a? Ammallee koottu anaa fi si'i jiddu'utti ragaa akka ta'u waadaa wolii gallaa» jedheen. Yaaqoobillee dhagaa fuudhee soodduu dhaabe. Yaaqoob obboleewwan ufiitiin, «Dhagaa wolitti qabaa'a» jedhe; isaanillee dhagaa wolitti qabanii tuulaa dhagaa sanii irratti waa nyaatan. Laabaan Yegaarsahadutaa jedhee maqaa itti baase; Yaaqoobillee Gala'aad jedheen. Laabaanillee, «Tuulaan tun adha anaa fi si'i jiddu'utti ragaa taati» jedhe; kanaaf maqaan isi'ii Gala'aad jedhame. Akkasuma Mitsiphaa jedhame; «hennaa anii fi ati adda baane Rabbi nu haa eegu» jedhe. «Ijoollee tiyya yoo yakkite; isaan irratti intala biraa yoo fuute; nu woliin namni waan hin jirreef Rabbi anaa fi si'i jiddu'utti raga'a. Laabaanillee Yaaqoobiin, «Anaa fi si'i jiddu'utti soodduun tuula'aa kunooti» jedheen. Ani gara kee tuulaa dhaga'aa tana akka hin lufne; atillee hammeennaaf gara kiyya tuulaa tanaa fi soodduu tana akka hin lufne soodduun tun ragaa taati; Waandhi Abrahaamii, ka Naakooriitii fi Waandhi abbootaa nu jiddu'utti haa murteessu» jedhe; achiin maayessa Yaaqoob waadaa kana eegu'uuf maqaa Waaqa abbaa ufiitiin kakate. Yaaqoob gaara san irratti ciincaa ciincessee obboleewwan ufii buddeena akka nyaatan waame; isaanillee buddeena nyaatanii gaara san irra bulan. Laabaanillee ganamaan ka'ee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa dhungatee isaan eebbise; Laabaan deebi'ee gara biyya ufii gale. Yaaqoob uduu karaa deemu maleekkota Rabbiitiin wol argan. Yaaqoob hennaa isaan arge, «Kunniin loltoota Rabbiiti» jedhee maqaa hulee sanii Manaayim jedhee itti baase. Achiin maayessa gara obboleessa ufii gara Eesawu'uu biyya Eedoomii keessa hulee biyya Seeyir jedhamtutti ergamtoota ufii uf afoo ergee, «Gooftota kiyya; Eesawu'utti, ‹Garbichi kee Yaaqoob akkana jedhe jedha'aa himaa'a; haga adhaa Laabaa biratti baqadhee taa'e. Loon, harriin, garboota dhiiraatii fi garboota intalaa argadhe; ammallee afoo keetitti yoo ka kabajjaa argadhuu gooftaa kiyyatti beessisu'uuf› jedhee» isaan erge. Worri ergamanillee gara Yaaqoobii deebi'anii «Gara obboleessa kee gara Eesawu'uu dhandhee turre; innillee si simachu'uuf namoota dhibba afurii woliin dhufa» jedhaniin. Hennaa san Yaaqoob guddisee sodaatee akka malee dhiphatee namoota isa woliin jiran, loon, hoolotaa fi gaallan bakka lamatti addaan qoodee «Eesawu dhufee tokko yoo dhaye gareen hafe jalaa baya» jedhe. Achiin maayessa Yaaqoob, «Waaqa abbaa kiyyaa Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisaaqii ‹Gara lafa hulee itti dhalattee deebi'i, waan mishaallee sii godhaa› Rabbii naan jette; Ani nama araaraa fi dhugaa garbicha keetii goote mara keessaa wonti diqqoonillee naaf hin malle ture; ulee tiyya callaa qabadhee Yoordaanosiin ceeye; amma ammo loltuu kutaa lamaa ta'eera. Obboleessa kiyya Eesawuu harkaa na hambisi akka dhufee ana, haawwota manaa tiyyaa fi ijoollee tiyyallee hin balleessine waan sodaadheef. Ati dhugamaan ‹Waan mishaa sii godha; fiixaa keellee baay'isee akka xidhacha galaanaa ka hin laakkayamnee godha› jettee turte. Halkan san achuma bulee waan harkaa qabu maraa keessaa waan Eesawu'uu kennu, re'iin dhadhaltuu dhibba lama, korbeeyyii re'iinii diddama, hoolota dhadhaltuu dhibba lama, korbeeyyii hoolotaa diddama, Gaallan dhaltii soddoma ilmoolee woliin, sa'oolee afurtama, sangoota kudhanii, harriin dhadhaltuu diddama, wodallan harriinii kudhan, Tika hori'ii akkuma gosa isaaniitiin adda qoodee garboota ufiititti kennee; garboota ufiitiin, «Afoo deema'aatii tika hori'ii kanniin addaan fageessaa'a» jedhe. Ka afoo jiruun, «Obboleessi kiyya Eesawu si argee yoo ‹Ati ka eennuuti? garam deemta? horiin oofa'aartu kunniin ka eennuuti?› jedhee si gaafate, ati hennaa san gooftaa kiyya Eesawu'uun «Kennaa garbichi kee Yaaqoob sii erge; kunoo inni nu duuba jira» jedhiin. Akkanuma lammeesso'oo fi sadeessoo worra gobbuu duubaan deeman maraa «Hennaa Eesawuu argitan woma kana jedha'aa itti himaa'a; ‹Kunoo garbichi kee Yaaqoob nu duuba jira; kennaa afoo kiyya deemu kanaan araarama, achiin maayessa maal laataa garaa naa laafee fuula isaa arga» jedhee waan yaadeeruuf. Akka kanaan kennaa firrisiisee inni ammo halkan san mandara keessa bule. Bariisaa san ka'ee haawwota manaa ufii lamaan, garboota lamaanii fi ijoollee ufii kudha tokko fudhatee laga Yaabooqii ceeye; achiin maayessa waan qabu maraa ceesise. Yaaqoob ammo hojja ufii achitti hafe. Haga bariitutti nama tokko woliin wondhaansa baye. Akka isa injifachuu hin dandeenne hennaa arge moorgaya mogolee isaa dhaye; Yaaqoobillee uduu wondhaansa baya'aaru moorgeenni mogolee isaa hadoodeen. Innillee Yaaqoobiin «Amma bari'u'uuf gagaarratteertii gad na dhiisi» jedheen; Yaaqoob, «Na eebbiftu malee gad si hin dhiisu» jedheen. Innillee, «Maqaan kee eennu?» jedheen. Innillee, «Ani Yaaqoob» jedheen. Innillee, «Ammaa achi maqaan kee ‹Israa'el › jedhama malee Yaaqoob hin jedhamu Rabbii fi nama woliinillee wondhaansa baatee waan injifatteef» jedheen. Yaaqoobillee, «Maqaa kee natti himi» jedheen. Innillee, «Maqaa kiyya maaf na gaafatta?» jedhee achumatti isa eebbise. Yaaqoob, «Rabbiin addaata'atti arge; ammo ima jiraata'aara» jedhee maqaa hulee sanii «Phini'eel » jedhee itti baase. Hennaa Phini'eeliin keessa lufu aduun itti baate; sababaa mogoleen isaa hadoodeef hokkola'aara. Kanaaf ijoolleen Israa'elii haga adhaa foon mogole'ee hin nyaatan; waan moorgaya mogolee Yaaqoobii hadoocheef. Yaaqoob ol jedhee Eesawuu dhufa'aaru arge; isa woliin namoota dhibba afuriititu jira; ijoollee ufiillee addaan qoodee gara Liya'aa, gara Raaheeliitii fi gara garboota lamaaniititti qoode. Ijoollee ufiitii fi garbootallee akka afo'oon deeman godhee Liya'aa fi ijoollee isi'ii jidduu, Raaheelii fi Yooseefiinillee kaawwan maraa duuba aanse. Innillee isaan afoo lufee haga obboleessa bira gawuuf hennaa torba gad jedha'aa sagade. Eesawullee itti fiigee morma isaa ufitti qabee dhungate; isaan lachuu wolitti booyan. Innillee ol jedhee ijoollee dhiiraatii fi ta durbaa argee, «Kunniin maal keeti?» jedheen; innillee, «ijoollee Rabbi garbicha keetii kenne» jedheen. Hojjattoonni intalaa ijoollee ufii woliin dhufanii gad jedhanii isaan simatan. Akkasuma Liya'aa fi ijoolleen is'iillee dhufanii gad jedhanii isaan simatan; achiin maayessa Raaheelii fi Yooseefillee dhufanii gad jedhanii isaan simatan. Eesawullee, «Tinni hori'ii ka uduu oofa'aaran arga'aaru kunniin maali'i?» jedhe. Yaaqoobillee, «Gooftaa kiyya; kun ka ani si biratti gaachena argachu'uuf sii erge» jedhe. Eesawullee, «Obboleessa kiyya ani baay'ee qabaa; kee simaaf haa ta'uu» jedheen. Yaaqoobillee, «Akkanaa miti; yoo afoo keetitti gaachena argadheera ta'e akkuma fuula Rabbii arge fuula keellee waan argeeruuf kennaa kana na irraa fudhadhu» jedheen. Rabbi waan arjummaa ufiitiin naa kenneeruuf ani baay'ee qabaa kennaa eebbaa ka sii fide kana na irraa fudhadhu» jedheen; innillee irraa fudhate. Eesawullee, «Eeganaa haa deemnuu ani si afoo deemaa» jedheen. Innillee, «Gooftaa kiyya; ijoolleen dadhabdoota akka taate hin beetta; sa'ooleenii fi hoolonni, ilmooleenii fi waatilee hodhan, namootallee guyyaa tokkoon ariiti'iin yoo deemsifne horiin nu harkatti dhuma. Gooftaa kiyya garbicha kee afoo lufi; anillee suuta jedhee si duubaan deemaa; haguma deemsa hori'iitii fi ijoolle'eetiin deemee Seeyiritti si dhaqqabaa» jedheen. Eesawullee, «Namoota na woliin jiran keessaa qoodee sii dhiisuu?» jedheen. Innillee, «Kun hin ta'u; gooftaa kiyya afo'otti gaachena argachuun na gaya» jedheen. Kanaafuu Eesawu guyyama san gara Seeyirii deebi'e. Yaaqoob ammo gara Suukootii deemee achitti mana ijaaratee hori'iifillee moonaa ijaare; kanaaf maqaa hulee sanii Suukooti jedhee itti baase. Yaaqoob hennaa laga lamaan jiddu'uu deebi'e gara qachattii Seekeemii ta Kana'aaniin keessa jirtuu nagayaan dhufee qachattii san afo'otti quphate. Kutaa lafa qonnaa ta daasee itti ijaaree ture; abbaa Seekeemii ijoollee Eemoorii irraa hoolota dhibbaan bite. Achitti hulee ciinca'aa hojjatee, «Eel Eloohee Israa'el» jedhee itti baase. Mucattiin Liyaan Yaaqoobii deette Diinaan dubartoota biyya sanii laalu'uuf baate; bulchaan biyya sanii namni Eewiya'aa ilmi Eemoorii Seekeem argee fudhatee woliin ciisee isii habaxeesse. Onneen isaa jaalala Diinaa intala Yaaqoobiitiin qabamee isii jaalatee waan garaa isi'ii gammachiisu itti dubbate. Seekeemillee abbaa ufii Eemooriin «Mucattii tana natti fuudhi» jedheen. Yaaqoobillee mucattii ufii Diinaa akka inni habaxeesse haga dhagaye ijoolleen isaa loowwan woliin lafa gammoojji'ii waan jiraniif Yaaqoob haga isaan galaniif hin cadhise; achiin maayessa abbaan Seekeemii Eemoori itti himu'uuf gara Yaaqoobii dhaqe; ijoolleen Yaaqoobii waan kana haga dhagayan lafa gammoojji'iitii galanii guddisanii nayanii Seekeem mucattii Yaaqoobii habaxeessu'uun Israa'eliin waan salphiseef, waan shinga'aa waan raawwateef guddisanii lolan. Eemoorillee, «Ilmi kiyya Seekeem waan isii jaalateef haadha manaa akka isaa taatu yabo'oo isii isaa kennaa'a; nullee ijoollee durbaa teenna isinii kenninaa; isinillee ijoollee durbaa teessan ijoollee teennaa kennaa'a; soddaadhan wolii taanaa; nu woliin taa'aa'a; laftillee kunooti ristii qabadha'aa daldalata'aa jiraadhaa'a» isaaniin jedhe. Seekeemillee abbaa isi'iitii fi obboleewwan isi'iitiin «Yoo afoo keessanitti gaachena argadhe waan isin naan jettan maraa hin kenna. Kennaa baay'e'ee fi waan qaadhimaa waan isin fidi naan jettan maraa hin kenna, mucattii tana naa kennaa'a» jedhe. Ijoolleen Yaaqoobii Seekeemii fi abbaa isaa Eemooriin waan inni obboleettii isaanii Diinaa habaxeesseef waan hamaa isaanitti deebisan. «Obboleettii teenna nama hin gadoomneef kennuu hin dandeennu; kun nu'uuf salphinna gudda'a; uduu akka keenna taatanii dhiira keessan maraa gadoomsitanii woma kana calla'aan maarre jennee ijoollee teenna isinii kennina; nullee ijoollee durbaa teessan hin fuuna; banii tokko taanee woliin jiraanna; nu dhageettanii yoo hin gadoomnee mucattii teenna fudhannee deemna» jedhan. Wonti isaan dubbatan ilma Eemoorii Seekeemii fi Eemooritti dhugaa fakkaate; mucaanillee mucattii Yaaqoobii waan jaalateef waan isaan jedhan godhu'uuf hin harkifanne; inni worra mana abbaa isaa jiran maraa keessaa kabajjama'a. Eemoorii fi ilmi isaa Seekeem gara raasaa qachaa ufii seenanii namoota qachaa saniitiin, «Namoonni kunniin nu biratti namoota nagayaati; kunoo lafti badhoo waan taateef lafa teenna irra jiraatanii haa daldalatanii; ijoollee durbaa ta isaanii maraa hin fuuna; ijoollee durbaa teennallee isaanii haa kenninuu; banii tokko taanee nu woliin haa jiraatanii, isaan woma kana calla'aan maarre nuun jedhan; akka isaan gadooman nullee ijoollee dhiiraa teenna maraa uduu gadoomsinee, Loon isaanii, wonti isaan qaban, horiin isaanii maruu keenna ta'a; woma kana callaa uduu maarre jennee silaa nu woliin jiraatan» jedhanii dubbatan. Worri qachattii san keessa jiraatan maruu maarre jedhan; dhiirri qachattii san keessa jiraatan maruu hin gadooman. Guyyaa sadeesso'ootitti uduu isaan mada'aan jiran obboleewwan Diina'aa ijoolleen Yaaqoobii Simoonii fi Leewwiin guraadee ufii qabatanii sodaa malee gara qachatti'ii seenanii dhiira maraa fixanii Eemoorii fi ilma isaa Seekeemiinillee guraade'een ajjeesanii obboleettii ufii Diinaa mana Seekeemiitii fudhatanii galan. Ijoolleen Yaaqoobii obboleettii isaanii Diinaa waan habaxeessaniif gara qachattii worra du'anii seenanii, Hoolota isaanii, sa'oolee isaanii, harriin isaanii, waan qachaa keessa jiruu fi waan qacha'aan ala jiru maraa saaman. Qabeenna isaanii maraa, daa'immanii fi dubartoota isaanii maraa booji'anii waan mana keessa jiru maraa saaman. Yaaqoobillee Leewwi'ii fi Simooniin, «Worra biyya kana keessa jiraatan namoota Kana'aaniitii fi namoota Feerzotaatiin akka jibbamu na taasiftan; nu'u laakkobsaan diqqa'a; isaan wol gayanii natti bayanii na dhayan; anillee fiixaa kiyya woliin bada» jedhe. Isaan, «Wonti fedhellee yoo gale isaan obboleettii teenna akka dubartii seebartuu miidhaa irra geessanii cadhifnaa?» jedhan. Rabbi Yaaqoobiin, «Ka'ii gara Beeteelii bayii achi jiraadhu; Waaqa hennaa obboleessa kee Eesawuu jalaa dheessite sitti mudhateef hulee ciinca'aa qopheessi» jedheen. Kanaaf Yaaqoobillee maatii ufiitii fi worra isa woliin jiran maraan «Waaqolee tolfamaa jidduu keessanii balleessaa'a, qulqulloota ta'aa'a, uffata keessanillee jijjiiradhaa'a, ka'aa gara Beeteelii dhandhaa; achitti Waaqa hennaa rakkoo kiyyaa naa dhagaye, Rabbii karaa ani deeme marattuu na woliin ta'ee ciincaa dhiyeessaa» jedhe. Kanaafuu waaqa tolfamaa jidduu isaanii jiru maraa, faaya gurraa ka gurra isaanii irra jiru maraa fuudhanii Yaaqoobitti kennan; Yaaqoobillee muka qilxu'uu ka Seekeemiin bira jirtu jalatti awwaale. Achii ka'anii deeman sodaan Rabbii qachoota naannaya isaanii jiru maraa irratti bu'e; isaan deebi'anii ijoollee Yaaqoobii ari'u'uuf duukaa hin deemne. Yaaqoobii fi namoonni isa woliin jiran maruu gara Looza'aa dhaqan; isiin Beeteelii Kana'aaniin keessa jirtu. Achitti hulee ciinca'aa hojjatee, «Eel Beeteel » jedhee itti baase; hennaa inni obboleessa ufii jalaa dheesse Rabbi achitti itti mudhate. Dibooraan Ribqaa guddifte duutee Beeteelitti muka dambi'ii jalatti awwaalamte; kanaaf maqaa hulee sanii Alonbaakuti jedhanii itti baasan. Yaaqoob haga Sooriyaa laga lamaan jiddu'uu deebi'e ammallee Rabbi itti mudhatee eebbiseen. Rabbi, «Maqaan kee Yaaqoob; ammaa achi Yaaqoob jedhamee hin waamamin Israa'el haa jedhamuu malee» jedhee maqaa isaa «Israa'el» jedhee itti baase. Rabbi Waandhi waa maraa danda'u ana; horii baay'adhu; baniinii fi mootonnillee gudeeda kee keessaa bayan. Lafa Abrahaamii fi Yisaaqii kenne siillee kenna» jedheen. Rabbi hulee isa woliin itti dubbate gaara san irra ol baye. Yaaqoobillee hulee Rabbi isa woliin itti dubbate sanitti soodduu dhaabee isa irratti woyini'ii fi Sayitii itti buuse; Yaaqoob hulee Rabbi isa woliin itti dubbate san «Beeteel» jedhee itti baase. Beeteelii ka'anii hulee Efraataa jedhamu gawuu gayanitti Raaheel ciniinsifattee ciniinsu'uun rakkatte. Hennaa ciniinsuun isii rakkise ta deessiftu, «Hin sodaatin kunillee ilmaa» jetteen. Isiin hennaa du'uu geette maqaa daa'ima dhalatee «Beeni'oon » jettee itti baafte; abbaan ammo «Biiniyaam » jedheen. Achiin maayessa Raaheel duutee karaa Efraataa fidu biratti Beeteliheemitti awwaalamte. Yaaqoob awwaala isi'ii irratti soodduu dhaabe; huleen sun haga adhaa soodduu awwaala Raaheeliiti. Israa'el achii ka'ee gamoo Gaadeer gama jiru duubatti daasee ijaare. Haga Israa'el biyya san taa'e Roobeel deemee Baalaa abbaan isaa mata gala itti galu bira gaye; waan kana Israa'el hin dhagaye. Ijoolleen Yaaqoobii kudha lama. Ijoolleen Liya'aa ilmi hangafaa ka Yaaqoobii Roobeel, Simoon, Leewwii, Yihuudaa, Yisaakoorii fi Zaabilooniin fa'a. Ijoolleen Raaheelii Yooseefii fi Biiniyaam. Ijoolleen Baala'aa ta garbittii Raaheelii Daanii fi Niftaaleem. Ijoolleen Zalafa'aa ta garbittii Liya'aa Gaadii fi Aseer. Kunniin ijoollee Sooriyaa keessatti laga lamaan jiddu'utti Yaaqoobii dhalatan. Yaaqoob gara abbaa ufii Abrahaamii fi Yisaaqii gara lafa isaan galtuu ta'anii keessa jiraatanii gara lafa Maammire'ee, gara lafa Qiriyaat'arbaaqii, gara Keebroonii dhaqe. Umuriin Yisaaqii dhibbaa fi saddeettama ta'e. Jaaree umurii quufee du'e; ijoolleen isaa Yaaqoobii fi Eesawu hin awwaalaniin. Horteen Eesawuu nama biyya Eedoomii kana; Eesawu ijoollee worra Kana'aanii keessaa haawwota manaa fuudhe; worraa Keexotaa keessaa mucattii Eeloonii Aadaa, worra Eewwotaa keessaa mucattii Tibi'oonii Ahilibaanii ta Aanaan deette, mucattii Ismaa'elii Beeseemootiin obboleettii Nabaayootii. Aadaan Eesawu'uu Elfaaziin deette; Beeseemootillee Raagu'eeliin deette; Ahilibaamaanillee Ya'usiin, Ilaamii fi Qoree deette; ijoolleen biyya Kana'aaniititti dhalatan kanniin. Kanaan maayessa Eesawu haawwota manaa ufii, horii ufii, waan biyya Kana'aaniititti hore maraa qabatee obboleessa ufii Yaaqoobiin biraa gara biyya biraa deeme. Waan horiin isaanii baay'atanii horaniif lafti isaanitti dhiphattee woliin jiraachuu hin dandeenne. Eesawu gaara Seeyirii irra jiraate; inni nama Eedoomiiti. Maqaan hortee Eesawuu abbaa worra Eedoomotaa ka gaara Seeyirii irra jiraatanii kana; Ilmi Eesawu'uu ka Aadaan deette Eelfaas; Ilmi Eesawu'uu ka Beeseemoot deette Raagu'eel. Ijoolleen Eelfaasii Teemaan, Oomaar, Siifoo, Gootoomii fi Qeeneez fa'a. Timnaa'illee ta ilmi Eesawu'uu Eelfaas mata gala itti galu; isiin Maaleeqiin Eelfaasii deette; Ijoolleen Aadaa haadha manaa Eesawu'uu kanniin. Ijoolleen Raagu'eelii Naahoot, Zaaraa, Saamaa, Miisaayi; kunniin ijoollee Beeseemootii haadha manaa Eesawu'uuti. Ijoolleen Ahilibaamaa haadha manaa Eesawu'uu ta Aana'aa fi Tibi'oonii Ya'us, Ilaama'aa fi Qoree deetteef. Ijoollee Eesawu'uu keessaa hangaffan ijoollee Eelfaasii Teemaan, Oomaar, Siifoo, Qeeneez, Qoree, Gootaan, Eedoomii fi Amaaleeq; isaan kunniin hangaffan biyya Eedoomii ijoollee Aada'aati. Ijoolleen Raagu'eelii ilma Eesawu'uu Naahoot, Zaaraa, Saama'aa fi Miisaal; kunniin ijoollee Raagu'eelii biyya Eedoomii ta haati manaa Eesawu'uu Beeseemoot deette. Ijoolleen Ahilibaamaa haadha manaa Eesawu'uu Uus, Ilaama'aa fi Qore'e; Ijoolleen Ahilibaamaa haadha manaa Eesawu'uu ta mucattii Aana'aa kanniin. Hangaffan ijoollee Eesawu'uu kanniin; isaan kunniinillee worra Eedoomiiti. Ijoolleen Seeyirii ta gosa Hoorii worra durumaa biyya san keessa jiraatanii Looxaa, Soobaal, Tibi'oon, Aanaa, Diisoon, Eesirii fi Diisaan. Kunniin ijoollee hangaffan Seeyirii nama Hoorii ka biyya Eedoomii keessa taa'uuti. Ijoolleen Looxa'aa Hoorii fi Heemaam; obboleettiin Looxaanii Timnaa'i. Ijoolleen Soobaalii Aluwaan, Manehaat, Eebaal, Siifa'aa fi Awinaamiin fa'a. Ijoolleen Tibi'oonii Aayya'aa fi Aana'a; Aanaan uduu harriin abbaa ufii lafa gammoojji'ii keessatti tissu burqaa bisaanii arge. Ijoolleen Aana'aa Diisoonii fi Ahilibaamaa mucattii Aana'aati. Ijoolleen Diisoonii Heemdaan, Eesbaan, Yitra'aa fi Kiraaniin fa'a. Ijoolleen Eetirii Bilihaan, Saa'iwaanii fi Haaqaaniin fa'a. Ijoolleen Diisaanii Uusii fi Aaraan. Bulchoonni Hoorii Looxaa, Soobaal, Tibi'oon, Aanaa, Diisoon, Eesiir, Diisaan; bulchoonni Hoorii ka biyya Seeyirii kanniin fa'a. Ijoollee Israa'elii irratti uduu mootiin hin mooneen dura mootonni biyya Eedoomii irratti mooyan. Ilmi Bi'oorii Baalaaq Eedoomiin irratti mooye; maqaan qachattii inni irratti mooyee Dinhaabaa jedhamti. Baalaaq du'ee bikka isaa ilmi Zaara'aa Iyyoobaabiin Baasoora'aa mooye. Iyyoobaabillee duunaan Huusaan namni biyya Teemaanii bikka isaa bu'ee mooye. Huusaanillee du'ee ilmi Haadaadii Baadaad ka namoota biyya Miidiyaamii lafa Moo'aabii irratti dhayetu bikka isaa mooye; maqaan qachattii sanii Aawiit jedhamti ture. Haadaadillee du'ee bikka isaa Saamilaan namni biyya Maasireeqa'aa mooye. Saamilaan haga du'e bikka isaa Saa'oolii nama biyya Rihoobootii laga guddaa beekkamaa bira jirutu mooye. Haga Saa'ool du'e bikka isaa ilmi Akiboorii Ba'aalhaanaan mooye. Ilmi Akiboorii Ba'aalhaanaan haga du'e bikka isaa Haadaaditu mooye; maqaan qachattii sanii Faa'u'u; haati manaa isaa Maayixeelebii Maaxireed deette ta mucattii Meesahaabiiti. Bulchoonni hortee Eesawu'uu akka gosa, hule'ee fi maqaa isaaniitiin kanniin Timnaa'i, Aalwaa, Yateet, Ahilibaamaa, Eelaa, Fiixoon, Qeeneez, Teemaan, Miibsaar, Magdi'eelii fi Iraamiin fa'a; kunniin bulchoota hulee ufii jiranitti baallii ufiitiin biyya bulchan; abbaan gosa Eedoomii Eesawu'u. Yaaqoob biyya abbaan isaa baqatee jiraate Kana'aaniin keessa taa'e. Horteen Yaaqoobii kana; Yooseef nama umurii kudha torbaa ta'ee obboleewwan ufii woliin hoolota tissa'aa ture; inni hennaa obboleewwan ufii ta Baala'aa fi Zalafaan deette woliin jiru ijoolle'e; hennaa san hujii hamaa isaan hojjatan galee abbaa ufiititti hima'aa ture. Israa'el ijoollee ufii maraa keessaa Yooseefiin guddisee jaalata; waan jaarruma keessa isa uumateef. Uffata bareedaa bifa gara garaa qabu itti uwwisa. Obboleewwan isaa martinuu akka abbaan isaa maraa caalaa isa jaalatu haga argan jibbaniinii afaan nagayaatiin isa hin qaassan. Yooseef eebjuu eebjote obboleewwan ufiititti himnaan ta qaraa caalaa jibbaniin. Innillee, «Eebjuu eebjodhe isinitti himaa dhagayaa'a; uduu nu'u maasaa keessatti qixiraa hidha'aarru qixiraan tiyya ol kaatee dhaabatte; qixiraan teessan qixiraa tiyya marsanii sagadaniif» isaaniin jedhe. Obboleewwan isaallee, «Nu irratti mooyittaa laata? nu bulchittaa laata?» ammallee dubbii dubbateef waan inni jedhe saniif guddisanii jibbaniin. Achiin maayessa ammallee eebjuu biraa eebjotee «Aduu'u, addeessinii fi urjiin kudha tokkoo uduu naa sagadan arge» jedhee, abbaa ufiitii fi obboleewwan ufiititti hime; abbaan isaa loleenii «Wonti ati eebjotte kun maali'i? maal laataa anii fi haati tee, obboleewwan tee woliin dhufnee sii sagannaa laata?» jedheen. Obboleewwan isaa itti hinaafan; abbaan isaa ammo dubbii san eega'aa ture. Obboleewwan isaa hoolota abbaa ufii Seekeemitti tissu'uuf deeman; Israa'el Yooseefiin, «Obboleewwan tee Seekeemitti akka hoolota tissa'aaran hin beettaamii? koottu gara isaanii si ergaa» jedheen; innillee «Maarre» jedhe. Abbaan isaallee, «Dhaqiitii hoolotaa fi obboleewwan tee ka nagaya jiranii kaan laaliitii waan isaan irra jiraniin naa deebi'i» jedheen; akka kanaan gammoojjii Keebrooniitii ka'ee gara Seekeemii dhaqe. Uduu inni isaan soqaa xaaru namichi tokko argeenii «Maal soxxa?» jedhee gaafateen. Innillee, «Obboleewwan tiyya ta hoolota tissan soqa'aaraa; yabo'oo eessa akka jiran natti himi» jedheen. Namichillee, «Asii ka'aniiran; hennaa isaan ‹Gara Dootaayinii haa deemnuu› woliin jedhan dhagayeera» jedheen; Yooseef obboleewwan ufii hordofee Dootaayinitti isaan arge. Isaan ammo uduu inni isaan bira hin geenne fago'otti isa arganii «Koottaa hin ajjeefnaa» jedhanii mari'atan. Ka eebjuu eebjodhe jedhu sun dhufe; ammuma ajjeefnee boolla kanatti gannee ‹Bineensa hama'atu nyaate› jennee eebjuu isaa keessaa kamtu akka ta'u laallaa» woliin jedhan. Roobeelillee kana dhagayee isaan harkaa isa hambisu'uuf «Lubbuu isaa hin balleessinu; dhiiga isaa hin jissinaa'a; boolla gammoojji'ii kana keessatti gata'aa dhiisaa malee harka keessaniin hin ajjeesinaa'a» isaaniin jedhe; akkana jechuun isaa isa hambisee gara abba'aa deebisuu yaadeeti. Yooseef akkuma obboleewwan bira gayeen kittaa bareedduu isaa isa irraa mulqanii isa fuudhanii boolla gogaa bisaan hin qabnetti gatan. Achiin maayessa buddeena nyaachu'uuf taa'anii ol jedhanii yoo laalan daldaltoonni gosa Ismaa'elii gara Misirii gad bu'u'uuf Gala'aadii gaallan ufiititti urgooftuu, Qumbi'ii fi Beensoo dibatan fe'atanii hennaa dhufan argan. Yihuudaan obboleewwan ufiitiin «Nu'u obboleessa keenna ajjeefnee dhiiga isaa yoo dhossine bu'aan keenna maali'i? koottaa harka keennaan isa hin ajjeefnuu; inni obboleessa keenna waan ta'eef daldaltoota Ismaa'eliititti haa gurgurannuu» jennaan obboleewwanillee waan inni jedhetti wolii galan. Daldaltoonni Miidiyaamii haga lufan obboleewwan isaa Yooseefiin boolla keessaa baasanii daldaltoota Ismaa'eliititti saqilii diddamatti gurguratan; isaan gara biyya Misirii isa fidan. Roobeel hennaa gara boollaa deebi'u Yooseefiin achi keessaa dhabee uffata ufii bibbiinxa'aa gara obboleewwan ufii dhaqee, «Meeti mucaan boolla keessa hin jiruu anummaan eessa dhaqa?» jedhe. Uffata Yooseefii fuudhanii korbeessa re'e'ee goorra'anii uffata Yooseefii dhiigatti cuuphan. Uffata isaa ka bareedu ka dhiigatti cuuphan san fuudhanii abba'atti erganii akkana jedhaniin, «Nu kana argine uffanni kun ka mucaa keetii ta'u'uu fi ta'uu dhabuu hoo'u mee laali» jedhaniin. Innillee beekee, «Uffatuma mucaa kiyyaati! bineensa hama'atu nyaate! Yooseef dhugamaan ciccirameera» jedhe. Achiin maayessa uffata ufii bibbiinxee mudhii ufii uffata gaddaatiin hidhatee ilma ufiitii guyyaa baay'ee booye. Ijoolleen isaa ta dhiiraatii fi ta intalaa maruu isa jajjabeessu'uuf yaalanii dadhaban; inni, «Gadduma kanaan daa'ima kiyyatti eda'ama» jedhee abbaan isaa guddisee isaa booye. Namoonni Miidiyaamii sunniin ammo Yooseefiin biyya Misirii fidanii Phiixifaaraa worra Fari'ooniin woliin hojjatan keessaa baallii qabuu fi ka bulchaa eeddotaa ta'etti gurguratan. Ji'uma sanniin keessa Yihuudaan obboleewwan ufii irraa fooyamee gara nama Eeraas jedhamuu ka biyya Adoolaamii dhaqe. Achitti Yihuudaan mucattii Seewaanii ta biyya Kana'aanii argee fuudhe. Isiin ulfooftee ilma deettee maqaa isaa Eer jettee itti baafte. Ammallee ulfooftee ilma deettee maqaa isaa Awunaan jettee itti baafte. Ammallee ilma deettee maqaa isaa Seeloom jettee itti baafte; hennaa isa deettu isiin biyya Kisib jedhamu keessa jiraatti. Yihuudaan ilma ufii ka hangafaa Eeritti mucattii Timaar jedhamtu fuudhe. Ilmi hangafaa Eer Rabbiin afo'otti nama hamaa waan ta'eef Rabbi isa qoome. Yihuudaan Awunaaniin, «Gara haadha manaa obboleessa keetii seenii dhaalii uumadhuu obboleessa keetii fiixaa hambisi» jedheen. Awunaan akka fiixaan isaan hin waamamne haga beeke haadha manaa obboleessa ufii dhaalee obboleessa ufiitiif fiixaa hambisuu jibbee sanyii hormaataa lafatti jisse. Hujiin kunillee Rabbiin afo'otti waan hamaa ta'eef isallee Rabbi hin qoome. Yihuudaan intala ilma ufii Timaariin «Ilmi kiyya Seeloom haga guddatuuf haadha hiyyeessaa ta'ii mana abbeetii taa'i» jedheen; inni wonti akkana isi'iin jedheef ilmi isaa akka obboleewwan kaawwanii akka hin duuneef; Timaar dhaxxee mana abbaa ufii teette. Bara baay'e'een maayessa haati manaa Yihuuda'aa mucattiin Seema'aa hin duute; innillee gadda irraa jajjabaatee gara namoota rifeensa hoolotaa ciranii gara Tamina'aa gara nama Eeraasii jaalalloo isaa ka biyya Adooloma'aa dhaqe. «Soddaan kee Yihuudaan rifeensa hoolotaa ciru'uuf gara Tamina'aa dhufa» jedhanii Timaaritti himan. Isiinillee uffata haadha hiyyeessa san mulqattee uffata biraa uffattee fuulatti haguuggattee gara karaa Taminaa fidu cinaa balbala Eenaayimii teette; wonti kana gooteef Seeloom guddatee haadha manaa taasifatee akka hin fuune waan beetteef. Yihuudaan hennaa isii arge waan fuula ufiititti haguuggatteef seebartuu itti fakkaatte. Inni isi'itti goree «Yabo'oo sitti ooluu» jedheen; akka isiin haadha manaa ilma isaa taate waan hin beenneef. Isiinillee, «Natti oolu'uuf maal naa kennita?» jetteen. Inni, «Korbeessa re'e'ee re'iin keessaa sii kenna» jedheen. Isiinillee, «Haga korbeessa re'e'ee naa kennituuf maal qabsiifta?» jetteen. Inni, «Maal si qabsiisa?» jedheen; Isiinillee, «Qubee, Hirbooraa fi Ulee harkaa qabdu na qabsiisi» jetteen; Innillee kanniin maraa isii qabsiisee isi'itti oole; achiin maayessa isiin hin ulfoofteef. Isiin achii kaatee uffata san mulqattee deebitee uffata haadha hiyyeessaa uffatte. Yihuudaan waan isii qabsiise san isii irraa fudhachu'uuf korbeessa re'e'ee goshoo ufii nama Adoolaamiitiin isi'ii erge; inni ammo isii hin argine. Inni namoota biyya saniitiin, «Intalti seebartuun karaa Eenaayimii cinaa teettu sun eessa dhaxxe? jedhee isaan gaafate; Isaanillee, «Dubartiin seebartuun akkasii sun as hin jirtu» jedhaniin. Inni gara Yihuuda'aa deebi'ee «Ani dubartii san hin argine; namoonni biyya saniillee ‹Dubartiin akkasii sun as hin jirtu› naan jedhan» jedheen. Yihuudaanillee, «Eegasuu nu akka nama kolfaa hin taane korbeessa re'e'ee ergeefii ture; ammo ati isii arguu hin dandeenne; kanaafuu waan qabsiise san haa fudhattuu» jedhe. Ji'a sadihiin maayessa «Mucattiin ilma keetii Timaar seebartee seebarumma'aan ulfoofte» jedhanii Yihuuda'atti himan. Yihuudaanillee, «Gad baasaa ibiddaan haa gubattuu» jedhe. Haga isii gad baasan isiin soddaa ufiitiin, «Ani abbaa meeshaa kanniinii irraa ulfaaye; Qubeen, Hirboorrinii fi Uleen tun ta eennuuti?» jetteen. Yihuudaanillee beekee «Ana caalaa isi'itu dhugaa qaba; ani waan ilma kiyya Seeloomitti isii hin heerumsiifneef» jedhe; Inni deebi'ee lammata isi'itti hin oolle. Hennaa ulfoofte lakkuu gara'aa qabdi. Isiin hennaa deettu tokkochi harka gad baafnaan ta deessiftu jirbii diimaa harka isaatitti hiitee «Kun dura dhalata» jette. Inni ammo harka ufii ol deebifannaan obboleessi isaa kuun isa dura dhalate; deessiftuun, «Maaf irre'een cabsitee baate?» jettee maqaa isaa Faarees jettee itti baafte. Isaan maayessa obboleessi isaa ka jirbii diimaa harkaa qabu dhalannaan maqaa isaa Zaaraa jedhaniin. Yooseef gara biyya Misirii gad bu'e; Phiixifaaraan namni biyya Misirii hojjattoota Fari'oonii keessaa tokko, bulchaan eeddotaa, Ismaa'eloota Yooseefiin gara biyya Misirii fidan irraa Yooseefiin bitate. Rabbi waan Yooseefiin woliin jiruuf hujiin harka isaa maruu hin qajeelaaf; Inni mana mootii biyya Misirii keessa ture; gooftaan Yooseefii akka Rabbi isa woliin jiru, waan inni hojjate maraa akka Rabbi qajeelcheef arge. Yooseef gooftaa ufii afo'otti gaachena argate; inni isaa hojjata'aa ture; mana ufii irratti isa muudee waan qabu maraa itti kenne. Haga mana ufiitii fi waan qabu maraa irratti isa muudeen maayessa Rabbi mana nama biyya Misirii san sababaa Yooseefiitiif eebbise; eebbi Rabbii waan inni alaa manaa qabu maraa irratti ta'e. Phiixifaaraan waan qabu maraa Yooseefitti gad dhiise; Yooseef waan nyaatee dhuguu achi waan biraa womaa hin beeku; Yooseef nama bareeda hojjaa misha'aa ture. Kanaan maayessa haati manaa gooftaa isaa isa jaalattee Yooseefiin «Natti ooli» jetteen. Inni ammo didee isi'iin, «Gooftaan kiyya mana ufii keessatti wonti inni beeku hin jiru; waan qabu maraa natti gad dhiiseera; Mana kanaaf namni na caalu hin jiru; si'ii haadha manaa isaa malee wonti inni natti hin kennine hin jiru; attamitti waan hamaa guddaa kana godha? attamitti Rabbiin afo'otti cubbuu hojjadha?» jedheen. Isiin ammo waan kana gaaf maraa Yooseefiin jetti; inni ammo isi'itti ooluu dide. Gaaf tokko isaa hujii hojjachu'uuf mana seeneeru namni waan mana keessa hin jirreef akka inni isi'itti oolu barbaaddee, «Natti ooli» jetteenii uffata isaa harkatti marattee qabdeen; inni ammo uffata ufii san isi'itti mulqatee dheessee diida baye. Isiin haga akka inni uffata ufii isi'itti mulqatee dheessee diida baye argite; namoota mana ufii itti waamtee «Laalaa'a wonti inni nama Ibrootaa kana natti galcheef akka inni nutti balduuf; inni natti oolu'uuf mana natti seennaan ani laagaa ol qabadhee guddisee iyyinaan, akka ani iyye argee uffata ufii na irratti gatee dheessee na biraa baye» jette. Haga gooftaan isaa galuuf uffata isaa san uf bira keette. Isiin abbaa manaa ufiititti «Garbichi Ibrootaa ka ati nutti galchite na salphisu'uuf mana natti seene; ani laagaa kiyya ol qabadhee guddisee iyyinaan inni uffata ufii na irratti gatee dheessee diida baye» jetteen. Haati manaa isaa «Waan garbichi kee na godhe argi» jettee itti himte; Inni haga waan kana dhagaye guddisee aaree, Yooseefiin fuudhee mana hidha'aatitti gate. Yooseef mana hidha'aa keessa taa'e. Rabbi ammo Yooseefiin woliin ta'ee waan mishaa godheef; bulchaa mana hidha'aa afo'otti gaachena kenneef. Bulchaan mana hidha'aa worri mana hidha'aa keessa jiran maruu akka Yooseefiin jalatti bulan godhe; waan duraan ufii hojjatu akka Yooseef hojjatu godhe. Bulchaan mana hidha'aa waan wontoota Yooseefitti kennee sanniin maraa hin yaadu ture; waan Rabbi isa woliin jiruuf wonti inni godhu maruu hin qajeelaaf ture. Waan kanaan maayessa bulchaan worra mootii biyya Misiriitii daadhii buusanii fi bulchaan worra buddeena qooduu mootii ufii mootii biyya Misirii gaddisiisan. fari'oon bulchaa worra daadhii buusaniitii fi bulchaa worra buddeena qoodaniititti aaree, «Mana hidha'aa ka Yooseef itti hidhametti isaan hiisise. Bulchaan eeddotaa Yooseefitti dabarsee isaan kenne; innillee isaanii hojjata'aa isaan guyyaa baay'ee mana hidha'aa keessa taa'an. Halkan gaaf tokkoo worri mana hidha'aa keessatti hidhaman lamaan worri mootii biyya Misiriitii buddeenaa fi daadhii dhiyeessan eebjuu eebjotan. Ganamaan Yooseef gara isaanii yoo seenu isaanii gaddaniiran argee, «Isin adha maaf gadditaniirtan?» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Eebjuu eebjonnee nama nuu hiiku dhabne» jedhaniin. Yooseefillee, «Ka dandeettii eebjuu hiiku'uu namaa kennu Rabbi; kanaafuu eebjuu keessan natti himaa'a» isaaniin jedhe. Bulchaan worra daadhii qooduu sun eebjuu ufii Yooseefitti, «Ani eebju'uun muka woyini'ii uf afo'otti arge; mukattiin gaalee sadihii qabdi; isiinillee baalaa fi daraaraa baaftee hurbuu rarraafatteerti; hurbuun isi'iillee yoosuu bilchaate; mijuun Fari'oonii ammo na harka jira; sanyii san fuudhee mijuu Fari'ooniititti cuunfee mijuu san Fari'oonii kenne» jedheen. Yooseefillee, «Hiikkaan eebjuu keetii kana; gaaleen sadihii guyyaa sadihi; guyyaa sadihiin maayessa Fari'oon si kabajjee hulee tee ta duraaniititti si deebisa; akkuma dura Fari'oonii daadhii buusa'aa kenna'aa turte san daadhii woyini'ii Fari'oonii kennita. Ati ammo yoo wonti mishaan kun sii ta'e yabo'oo na qaabadhuu Fari'oonitti naa himii as keessaa na baasisiis. Ana biyya Ibrootaatii fidanii uduu womaa hin goone balleessaa malee asitti na hidhan» jedheen. Bulchaan mana buddeenaa kuunillee akka inni eebjuu kaanii sirri'itti hiike argee Yooseefiin, «Anillee eebjuu eebjodhee ture; buddeena adii masoobii sadihii mataa kiyya irratti baadhee ture; masoobii gubba'aa irra buddeena Fari'oon nyaatu ka hojjattoonni isaa hojjatantu jira; allaattiin dhuftee masoobii san irraa nyaatte» jedhe. Yooseefillee deebisee «Hiikkaan eebjuu kanaa masoobiin sadihii guyyaa sadihi; inni guyyaa sadihii si kabajja; guyyaa sadihiin maayessa fuudhee muka irratti si fannisa; allaattiin dhuftee foon kee nyaatti» jedheen. Guyyaan sadeesso'oo guyyaa Fari'oon dhaloota ufii itti kabajju waan ta'eef nyaata qopheessee banii isa woliin hojjatu maraa waamee jara mana hidha'aa keessa jiran lamaanillee waamsisee worra isaa hojjatan afo'otti isaan kabajje. Bulchaa worra daadhii buusuu hulee isaa ka duraatitti deebifnaan akkuma duraa daadhii woyini'ii Fari'oonii kennuu jalqabe. Akkuma Yooseef eebjuu isaanii hiike bulchaa worra buddeena qooduu san ammo hin fannise. Bulchaan worra daadhii qooduu Yooseefiin hin qaabanneen; hin irraanfateen. Woggaa lamaan maayessa Fari'oon eebjuu eebjotee ka afaan lagaa dhaabateeru uf arge; sa'ooleen torbaa ka gagabbataniiran laga keessaa bayanii afaan lagaa irratti bobba'anii turan; ka biraallee sa'ooleen torbaa ka huhuqqatan laga keessaa bayanii loowwan kaawwan bira dhadhaabatan. Sa'ooleen huqqatan sunniin sa'oolee gagabbatan sanniin ka liqimsan argee dammaqe. Ammallee deebi'ee rafee eebjuu eebjote; maqaa tokko irra hamaamoo ija guute torba arge; Kanaan maayessa hamaamoo torba ka qilleensa baya biiftu'uutiin quure arge. Hamaamoon torbaa ka quure sunniin hamaamoo torbaa ka ija guute babbareedaa sanniin liqimse; Fari'oon haga eebju'uu dammaqeen maayessa hin jeeqame. Haga lafti bariite Fari'oon raafamee gara worra ogeeyyi'iitii fi gara worra biyya Misirii keessa jiran ka eebjuu hiikan maratti ergee waamsisee eebjuu eebjote isaanitti hime; ammo namni eebjuu Fari'oonii hiiku isaan keessatti hin argamne. Hennaa san namichi worra daadhii buusan bulchu mootichaan, «Ani yakka ufii hojjadhe adha qaabadhe; mootii kiyya, hennaa ati anaa fi bulchaa worra buddeena qooduutiin loltee bulchaa worra balbala eeganiititti nu kennitee nu hiisifte; nu lamaanuu halkanuma tokko eebjuu gara garaa eebjonne; yoo san dargaggeessi worra Ibrootaa garbichi tokko ka bulchaa worra balbala eeganii tajaajilu nu woliin ture; nu eebjuu keenna isatti himnaan nu maraafuu akkuma eebjuu keennaatiin nuu hiike. Akkuma inni eebjuu keenna nuu hiiketti ani hujii kiyyatti deebi'e; bulchaan worra buddeena qooduu ammo hin fannifame» jedheen. Kanaaf Fari'oon Yooseefitti nama ergee ariiti'iin waamsise; innillee mataa ufii haadatee uffata jijjiiratee Fari'ooniin bira dhaqe. Fari'oon Yooseefiin, «Ani eebjuu eebjodhee nama naa hiiku dhabe; ati yoo eebjuu eebjotan sitti himan akka hiikuu dandeettu dhagayeera» jedheen. Yooseef ammo Fari'ooniin «Ani eebjuu hiikuu hin danda'u; ka eebjuu hiikuu danda'u Rabbi» jedheen. Fari'oon Yooseefiin, «Ani eebju'uun afaan lagaa dhaabadhee ture; sa'oolee torbaa ka gagabbatan laga keessaa bayanii ka marga dheedan arge; Isaaniin maayessallee sa'oolee torbaa ka huhuqqatan laga keessaa ka bayan arge; biyya Misirii keessatti sa'oolee huhuqqattuu akkanaa tanniin sirima argee hin beeku. Sa'ooleen huhuqqatanii nama jibbisiisan sunniin sa'oolee gagabbataa babbareeda duraa sanniin liqimsan. Garaan isaanii waan waa liqimsan hin fakkaatu; bifti isaaniillee akkuma duraa san nama jibbisiisa; achiin maayessa ani hirribaa dammaqe. Ammallee deebi'ee rafee eebju'uun maqaa tokko irra hamaamoo torbaa ka ija guute arge; kanaan maayessa hamaamoo torbaa ka maqaa tokko irratti qilleensa baya biiftu'uutiin quure arge. Hamaamoon torbaa ka quure sunniin hamaamoo torbaa ka ija guute sanniin liqimsan; achiin maayessa ani eebjuu kiyya worra eebjuu hiikanitti himee nama naa hiiku dhabe» jedheen. Yooseefillee Fari'ooniin «Hiikkaan eebjuu kee ka lamaaniituu tokkoma; Rabbi waan godhu'uuf ta'u sitti himeera; hiikkaan sa'oolee torbaa gagabbattuu sanniinii woggaa torba; hamaamoon torbaa mimmishaan sunniinillee woggaa torba; hiikkaan eebju'uullee tokkoma. Hiikkaan sa'oolee bifa babbadduu huqqattuu maayessa bayan sanniinii woggaa torba; hiikkaan hamaamoo quuranii ka qilleensa baya biiftu'uutiin dhayamanii ammo beela woggaa torbaati. Wonti ani sitti himu kana; Rabbi waan godhu'uuf ta'u Fari'oonitti mudhiseera; Woggaan torbaa ka biyyi Misirii maruu guddisanii itti quufan hin dhufa. Isaan maayessa woggaan torbaa ka beelaa biyya Misirii irratti hin dhufa; quufni biyya Misirii ka duraa ammo hin irraanfatama; beelli biyya balleessa. Beelli maayessaan dhufu guddisee hamaa waan ta'eef quufa duraa san hin qaabatan. Wonti eebjuun Fari'oonitti deddeebi'ee mudhateef wonti sun waan Rabbiin irraa murtaayeef Rabbi dafee raawwata. Ammallee inni Fari'ooniin «Nama biraa ka hubannoo qabu soqii biyya Misirii irratti muudi; Fari'oon biyya irratti worra baallii qaban haa muuduu; innillee sanyii bara quufaa ka woggaa torbaa san keessaa shan keessaa harka tokko namoota irraa haa fuudhuu. Woggaa mimmishaa torban dhufu sanniin keessa midhaan wolitti qabatanii haa kaayanii; qamadii Fari'ooniin bira haa kaayatanii; midhaan qachoota keessa kaayamee haa eeggamuu; Woggoonni beelaa torban sunniin banii akka hin balleessine midhaan kuufamee haa eeggamuu» jedheen. Yaanni sun Fari'oonii fi worra Fari'ooniif hojjatan biratti waan mishaa ta'eef Fari'oon «Nu dhugamaan nama Hafuura Rabbii qabu kana argannaa?» jedhe. Kanaafuu Fari'oon Yooseefiin «Namni akka keetii beekaanii fi ogeessi hin jiru waan Rabbi waan kana maraa sii ibseef; ati amma biyya kiyya irratti muudami, baniin maruu sii haa ajajamuu; ani teessoma kiyya calla'aan si caala; ani biyya Misirii maraa irratti si muude» jedheen. Fari'oon qubee ufii qubaa baafatee quba Yooseefiititti godhee uffata adii haphii fuuttaa irraa hojjatame ka kabajja'aa itti uwwise; mormattillee worqii godheef. Konkolaataa fardaa ka lammeesso'oo irra kaayee ka labsii labsu «Isaa sagadaa'a» jedha'aa afoo deema'aa labse; innillee biyya Misirii maraa irratti muudame. Fari'oon «Biyya Misirii maraa irratti eennullee ajaja kee malee harkaa luka ufii hin sochoosin» jedheen. Fari'oon maqaa Yooseefii afaan biyya Misiriitiin «Tsafnaat Pa'inahi» jedhee itti baaseefii intala Phiixifaaraa gadicha qachaa Heeliyootu'uu ta Asnaat jedhamtu itti fuudhe; achiin maayessa Yooseef biyya Misirii maraa keessa naannaye. Yooseef hennaa mootii biyya Misirii Fari'ooniin woliin hojjachuu jalqabu nama woggaa soddomaati; Yooseefillee Fari'ooniin biraa bayee biyya Misirii maraa keessa deeme; woggaa quufaa torban keessa midhaan gudda'atu wolitti qabame; midhaan bara quufaa ka woggaa torbaa biyya Misirii keessatti argame keessaa Yooseef qachattii maraa keessatti wolitti qabee sanyii argame maraa achuma kaaye. Yooseef midhaan akka cirracha galaanaa baay'atuu fi qamadii hanni isaa hin beekkamne wolitti qabe. Woggaan torbaa ka beelaa sunniin uduu hin gayin Yooseef intala Phiixifaara'aa Asnaatiin irraa ijoollee lamaa uumate; mucaa hangafaa Minaasee jedhee maqaa itti baase; «Waan Rabbi rakkinna kiyyaa fi mana abbaa kiyyaa na irraanfachiiseef» jedhe; maqaa mucaa lammeesso'oollee Efreem jedhee itti baase; «Waan Rabbi biyya itti rakkadhetti na horsiiseef» jedhe. Woggaan torbaa ka quufa biyya Misirii hin lufe; akkuma Yooseef dubbate beelli woggaa torbaa jalqabee biyyi maruu hin beelaye; biyya Misirii maraa keessa ammo midhaantu jira. Biyyi Misirii maruu beelayanii midhaan argatu'uuf Fari'oonitti iyyatan; Fari'oon ammo namoota biyya Misirii maraanuu, «Gara Yooseefii dhaqa'aatii waan inni isiniin jedhe maraa godhaa'a» isaaniin jedhe. Biyyi maruu hin beelaye; Yooseef ammo gootaraa maraa banee namoota biyya Misiriititti midhaan akka gurguramu jedhe; biyya Misiriititti beelli hin jabaate. Biyya marattuu waan beelli jabaateef midhaan bitachu'uuf gara biyya Misirii Yooseefiin bira dhufan. Yaaqoob akka midhaan biyya Misirii jiru dhagayee ijoollee ufiitiin «Maaf cadhiftanii ija keessa wol laaltan? ani akka biyya Misirii keessa qamadiin jiru dhagayeera; garas dhaqa'aa bita'aatii du'a nu oolchaa'a» isaaniin jedhe. Kanaaf obboleewwan Yooseefii kurnanuu qamadii biyya Misiriitii bitatu'uuf dhaqan; Yaaqoob obboleessa Yooseefii Biiniyaamiin ammo akka wonti badaan irra hin geenneef obboleewwan woliin hin ergine; biyya Kana'aaniititti waan beelli hammaateef ijoolleen Israa'elii worra midhaan bitan woliin dhaqan. Yooseef bulchaa biyya Misirii waan tureef banii adunyaa maraa irraa dhufanitti midhaan gurgura'aa ture; obboleewwan isaallee dhufanii haga kallachi isaanii lafa tuqutti gad jedhaniif. Yooseefillee obboleewwan ufii argee beekee akka waan nama isaan hin beenneetitti fuula ufii dhooggatee «Isin eessaa dhuftan?» jedhee dubbii hamaa isaanitti dubbate; Isaan ammo, «Nu worra midhaan bitatu'uuf biyya Kana'aaniitii dhufe» jedhaniin. Yooseef obboleewwan ufii beekeera; isaan ammo isa hin beenne; Yooseef eebjuu waan isaaniitiif arge qaabatee «Isin gaadduu worra dhaba biyyaa laalu'uuf dhufe» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Gooftaa keenna; akkasii miti; nu garboonni tee qamadii bitatu'uuf dhufne; nu martinuu ijoollee abbaa tokkooti; nu garboonni tee gaaddu'uu miti worra dhuga'aati» jedhaniin. Innillee «Akkasii miti isin worra beela biyyaa laalu'uuf dhufe» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Nu garboonni tee biyya Kana'aanii keessatti obboleewwan kudha lama; nu ilmaan abbaa tokkooti; obboleessi keenna ka maandha'aa abbaa keenna bira jira; tokko ammo hin bade» jedhaniin. Yooseefillee, «Akkuma isiniin jedhe isin gaaddu'u; eeganaa namoota dhuga'aa ta'uun keessan ka qoratamee laallamu kanaan, haga obboleessi keessan ka maandha'aa dhufutti maqaa Fari'ooniitiin kakadhaa isin asii hin baatan. Wonti isin jettan yoo dhugaa ta'e isin keessaa nama tokko erga'aatii obboleessa keessan qabatee haa dhufuu isin mana hidha'aa keessa taa'aa'a; yookaan ammo isin namoota lubbuu Fari'oonii gaadu» isaaniin jedhe. Achiin maayessa guyyaa sadihiif mana hidha'aa keessa isaan tursiise. Guyyaa sadeesso'oo Yooseef, «Ani waan Rabbiin sodaadhuuf yoo uf oolchuu barbaaddan waan kana godhaa'a; isin yoo namoota dhuga'aa taatan isin keessaa namni tokko haa hidhamuu isin ammo deema'aatii beela mana keessaniitiif midhaaniin galadhaa'a. Achiin maayessa obboleessa keessan ka maandha'aatiin koottaa'a; yoo san isin namoota dhuga'aa taatan; hin duutanille'e» isaaniin jedhe. Isaan «Nu dhugamaan obboleessa keenna miineerra; hennaa inni lubbuu ufiitiif muddamee worwaatu waan isaa hin dhageenneef rakkinni kun nu irra gaye» woliin jedhan. Roobeelillee «Ani mucaa hin miidhinaa isiniin hin jennee? isin ammo yoo san naa hin dhageenne; kunoo kanaaf dhiinni isaa nu soqa'aara» isaaniin jedhe. Isaan akka Yooseef isaan dhagaya'aaru hin beenne; waan jidduu isaanii namni afaan hiiku jiruuf. Yooseef ammo isaan biraa dabal jedhee booyee gara isaanii deebi'ee uduma isaan argan Simooniin fuudhee hidhe. Yooseef qalqala isaaniititti midhaan akka buusaniif qarshii isaanii qalqala isaanii maratti akka deebisanii dhalee kara'aallee kennaniifiif ajaje; isaanillee akkuma inni jedhe san isaanii godhan. Isaanillee midhaan harree ufiititti fe'atanii deeman. Isaan keessaa namni tokko hulee bulanitti harre'eef okaya kennu'uuf afaan qalqalaa yoo hiiku qalqala keessatti qarshii arge. Inni obboleewwan ufiitiin, «Qarshiin tiyya naa deebite; kunoo afaan qalqalaa irra jirti» isaaniin jedhe; isaan ammo guddisanii nayanii hollata'aa «Rabbi maal nutti fide?» woliin jedhan. Isaan gara biyya Kana'aanii gara abbaa ufii gara Yaaqoobii galanii waan isaan irra gaye maraa abbaa ufiititti himan. «Bulchaan biyya sanii gaadduu biyya lafaa nu fakkeessee waan hamaa nutti dubbannaan ‹Nu worra dhugaa dubbatu malee gaaddu'uu miti; nu ijoollee kudha lamman ilmaan abbaa tokkooti; tokko hin bade, ka maandha'aa ammo biyya Kana'aaniititti abbaa keenna woliin jira» jenneen. Bulchaan biyyaa sun «Isin yoo worra amanamaa taatan obboleessa keessan tokkocha na biratti hambisa'aatii worra beelayanii mana jiraniif midhaan fida'aa; anillee kanaan isin beekaa; Isin worra dhuga'aatii fi gaadduu ta'u'uu fi ta'uu dhabuu keessan kanaan beekaa; obboleessa keessan ka maandha'aa naa fidaa'a; obboleessa keessan deebisee isinii kennaa; isinillee biyya tana keessa deema'aa daldaltan› nuun jedhe» jedhanii abbaa ufiititti himan. Kanaan maayessa hennaa qalqala ufii hiikan isaan maruu qarshii ufii qalqala keessatti hidhamee arganii isaanii fi abbaan isaaniillee hin nayan. Abbaan isaanii Yaaqoobillee «Ijoollee na dhabsiiftan; Yooseefii fi Simoonillee hin jiran, Biiniyaamiinillee na jalaa fuudha'aartan; waan kana maraanuu ka rakkatu ana!» isaaniin jedhe. Roobeelillee abbaa ufiitiin, «Natti kenni yoo ani deebisee sii fiduu baadhe ijoollee tiyya lamaan ajjeesi» jedheen. Yaaqoobillee «Obboleessi isaa waan du'eeruuf mucaan kiyya isin woliin hin deemu; maal laataa karaa deemtanitti wonti hamaan uduu isa irra gayee ani jaarruma kiyya keessa gadda'aa du'a» isaaniin jedhe. Biyya Kana'aaniititti beelli guddisee jabaate; midhaan biyya Misiriitii bitatan nyaatanii haga fixataniin maayessa abbaan isaanii Yaaqoob «Ammallee deema'aatii midhaan diqqoo biyya sanii nuu bitaa'a» isaaniin jedhe. Yihuudaanillee abbaa ufiitiin «Namichi biyya san bulchu ‹Obboleessa keessan qabattanii yoo dhufuu baattan gara kiyya hin dhufinaa'a› jedhee jabeessee nu seereera; kanaafuu ati yoo obboleessa keenna nu woliin ergite dhandhee midhaan sii binna. Ati yoo obboleessa keenna nu woliin hin erginee hin dhandhu; ‹Obboleessa keessan qabattanii yoo hin dhufnee hin dhufinaa'a› waan nuun jedheef» jedheen. Israa'elillee, «Maaf na miitan? nama sanitti, ‹Obboleessa biraa qabna› jettanii maaf himtan?» isaaniin jedhe. Isaanillee akkana jedhaniin, «Namichi sun waan keennaa fi waan maatii keennaa «Abbaan keessan libbu'uun jiraa? obboleessa qabduu?» nuun jedhe; nullee woma inni nu gaafate deebifneef; akka inni ‹Obboleessa keessan fidaa'a› nuun jedhu beennaa?» jedhaniin. Yihuudaan abbaa ufii Israa'eliin «Nu'u, atii fi ijoolleen teennallee akka du'a oollu mucaa nu woliin ergi; kaanee deemnaa. Yoo deebi'ee mucaa kana sii hin finnee ati ana gaafattaa; bara kiyya guutuu ani nama si miidhe ta'aa. Nu'u uduu haga ammaa turuu baannee silaa harka lamaa deebina» jedheen. Abbaan isaanii Israa'el ammo «Eega akkana ta'e waan feetan godhaa'a; sanyii lafa kanaa nama sanii fidaa'a; balasii, damma diqqoo, urgoo, qumbii, waan urgaawuu fi Lawuzii qalqala keessatti qabadha'aa deemaa'a. Qarshii gaafa duraa qalqala keessan woliin dhufellee dachaa godha'aa deebisa'aaf; maal laataa dogoggoraan deebi'eera ta'aa. Obboleessa keessan qabadha'aa deema'aatii gara nama sanii deebi'aa'a. Rabbiin waa maraa danda'u obboleessa keessan ka duraatii fi Biiniyaamiinillee akka isinii kennu namicha san garaa isinii haa laaffisu; ani ijoollee tiyya yoo dhabellee akkuma dhabetti taa'aa» isaaniin jedhe. Kanaafuu namoonni sunniin kennaa gara garaa, qarshi'ii fi Biiniyaamiinillee qabatanii gara biyya Misirii Yooseefiin bira gad bu'an. Yooseef hennaa Biiniyaamiin isaan biratti arge ajajaa mana isaa ajajuun «Namoota sanniin mana seensis; qalii waa qopheessi; namoonni sunniin guyyaa na woliin haa nyaatanii» jedhee ajaje. Namichi sunillee akkuma Yooseef jedheen godhe; namoota gara mana Yooseefii seensise. Isaan mana Yooseefii waan seenaniif guddisanii sodaatanii «Inni waan qarshii duraan qabannee galle saniif nutti ka'ee nu miidhuu heda; nu garboonfatee harriin teennallee nu irraa fudhachu'uuf nu seensise» jedhan. Kanaafuu gara namicha mana Yooseefii bulchuu dhiyaatanii balbala afo'otti «Gooftaa keenna; nu dura midhaan bitachu'uuf as dhufne; haga hulee bullu geenne qalqala keenna yoo afaan bannu qarshiin keenna maruu afaan qalqala keennaa keessa jira; ammallee kunoo harkatti qabannee dhufneerra; qarshii biraa ka midhaan ittiin bitannullee finneerra; qarshii duraa san eentu akka qalqala keenna keessa kaaye hin beenne» jedhaniin. Inni «Nagawumaa hin sodaatinaa'a; Waandhi keessanii fi Waandhi abbaa keessaniif qarshii dhoffame qalqala keessanitti isinii kennee qarshiin kuunillee na gayeeraa» isaaniin jedhe. Namichi sunillee namoota sanniin mana Yooseefii seensisee bisaan lukaa isaanii kennee isaanillee luka dhiqatan; harriiniillee okaya kenne. Haga Yooseef dhiyanaaf galuu akka dhiyana isa woliin nyaatan waan dhagayaniif kennaa harkaa qaban san qopheeffatan. Haga Yooseef gale kennaa harkaa qaban sanniin kennaniifii kufanii haga kallachi isaanii lafa tuqutti gad jedhaniif. Innillee nagaya isaan gaafatee «Jaarsi gaafa duraa natti himtan abbaan keessan sun nagaya jiraa? ammallee ima jiraa» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Garbichi kee abbaan keenna nagaya jira» jedhanii haga kallachaan lafa tuqanitti gad jedhaniif. Ol jedhee ilma haadhaa ufii Biiniyaamiin argee «Obboleessi keessan ka maandha'aa ka natti himtan kanaa?» jedhee Yooseef Biiniyaamiin, «Mucaa kiyya Rabbi si haa eebbisu» jedheen. Yooseef obboleessa ufii gara'aan waan yaadeef jarjaree ol lufee achitti booye. Achiin maayessa fuula dhiqatee obsee gara isaanii gad bayee waan nyaatan fidaa'a jedhe. Isaaf nyaata addatti, obboleewwaniillee addatti, worra biyya Misiriitiifillee addatti dhiyeessaniif; waan worri Misiriitii fi worri Ibrootaa woliin hin nyaanneef worra Misiriitiifillee addatti dhiyeessaniif; worri Misirii worra Ibrootaa woliin waa nyaachuu akka batti'iititti waan laalaniif. Isa afoo akka hangafaa maandha'aatitti teennaan namoonni maruu hin maalalfatan. Yooseef isaan maraafuu nyaata dhiyeessisiiseef; nyaanni Biiniyaamii dhiyeesse ammo harka shaniin ka kaawwanii caala; isaanillee nyaatanii dhuganii isa woliin gammadan. Yooseef hojjataa mana ufiitiin «Haga qalqalli isaanii danda'u midhaan buusii guutii qarshii nama maraatuu afaan qalqalaa keessa kaayii hidhiif. Afaan qalqala mucaa diqqa'aa geeboo kiyya ka meetii irraa hojjatame ka ani itti dhugu keessa kaayi» jedhee ajaje; innillee akkuma inni jedheen godhe. Haga lafti bariite namoonni sunniin harriin fe'atanii deeman; isaan uduu qacha'aa bayanii hin fagaanne Yooseef hojjataa mana ufiitiin «Ka'ii namoota sanniin hordofii yoo isaan bira geette ‹Bikka nu waan mishaa isinii goone isin ammo maaf waan hamaa nuu deebiftan? maal geeboon meetii irraa hojjatame ka gooftaan keenna waa itti dhuguu fi ka waan dhossa'aa ittiin beekuu mitii?› isaaniin jedhi» jedhee isa ajaje. Innillee isaan dhaqqabee akkuma inni jedheen san isaaniin jedhe; Isaanillee, «Gooftaa keenna; jecha akkanaa kana maaf dubbatta? nu garboonni kee worra waan akkanaa kana godhuu miti; waan afaan qalqala keennaa maraa keessatti argine qabannee biyya Kana'aaniitii kaanee gara kee deebine; attamitti mana gooftaa keetiitii birrii yookaan worqii hanna? Nu garboota kee keessaa namni geeboon kun harkatti argame ammo haa du'uu; nullee ammo gooftaa keennaaf garboota haa taanuu.» jedhaniin. Innillee «Akkuma natti himtan kana namni geeboon kun harkatti argame garbicha kiyya haa ta'uu; isin ammo nagayaan deemtan» jedhe. Isaan maruu fe'aa ufii harriin ufii irraa hiikkatanii afaan qalqalaallee hiikan. Qalqala ka hangafaa irraa jalqabee haga qalqala ka maandha'aa keessa soqee geeboo san qalqala Biiniyaamii keessatti arge. Isaanillee nayanii uffata ufii biinxanii qalqala ufii harriin ufiititti fe'atanii gara qachatti'ii deebi'an. Yihuudaanillee obboleewwan ufii woliin Yooseefiin bira dhaqe; hennaa sanillee Yooseef achuma jira; isaan martinuu dhufanii isa jalatti kufan; Yooseefillee «Wonti isin gootan kun maali'i? namni akka kiyyaa kun waan dhossa'aa akka beeku hin beettanii?» isaaniin jedhe. Yihuudaan «Nu gooftaa keennaa maal deebifna? maal jennaanille'e? yookaan maali'iin qulqulloofna? Rabbi waan cubbuu garboota teetii ol baasee mudhiseef; nu'uu fi ka geeboon harkatti argamellee garboota gooftaa keennaa haa taanuu» jedhaniin. Innillee «Waan akkanaa kana hin godhu; namni geeboon harkatti argame garbicha naa haa ta'uu isin gara abbaa keessanii nagayaan deemaa'a» isaaniin jedhe. Yihuudaanillee gara isaa dhiyaatee «Gooftaa kiyya; ani garbichi kee waa sitti dubbadhaa ati akka Fari'oonii waan taateef naan hin lolin. Gooftaan nu garboota ufiitiin ‹Abbaa yookaan ilma haadhaa qabduu?› jedhee nu gaafate; nullee gooftaa keennaan ‹Abbaa jaare qabna; mucaan diqqaan abbaan keenna jaarruma keessa uumatellee hin jira; obboleessi mucaa kanaa hin du'e; ijoollee haadhaa keessaa inni callaan waan hafeef abbaan hin jaalataan; ati nu garboota teetiin «Isa as fidaa'a hin argaanii» jette; nullee gooftaa keennaan, «Mucaan abbaa dhiisee dhufuu hin danda'u; yoo dhiisee dhufe abbaan hin du'a» jenne. Ati ammo nu garboota teetiin ‹Obboleessi keessan ka maandha'aa yoo isin woliin deebi'ee hin dhufnee lammata as hin dhufinaa'a› jettee jabeessitee nu seerte. «Gara garbicha kee gara abbaa keennaa hennaa deebine waan gooftaan keenna nuun jedhe itti himne; abbaan keennallee ‹Ka'aa dhaqa'aatii midhaan diqqoo nuu bitaa'a› nuun jedhe. Nullee ‹Yoo obboleessa keenna ka maandha'aa kana nu woliin ergite hin deemna; mucaan maandha'aa keenna kun yoo nu woliin hin deemnee isa afoo dhaquu hin dandeennu› jenneen. Abbaan keenna garbichi kee ‹Haati manaa tiyya ijoollee lamaa akka naa deette hin beettan. Tokko na biraa bayee bineensi nyaate naan jettan; ani haga adhaa isa hin argine; kanallee yoo na jalaa fuutanii deemtaniinii wonti badaan isa irra gaye, bara jaarruma kiyyaa keessatti gaddaan du'a. Ani amma yoo gara abbaa kiyyaa gara garbicha keetii deeme; inni yoo mucaa na biratti hin argine qalbiin isaa daa'ima irra waan jirtuuf akka daa'imni isaa nu woliin hin jirre yoo arge hin du'a; nu'u garboonni teellee manguddummaa garbicha keetii ka abbaa keennaa gaddaan awwaalla; ani garbichi kee garbicha kee abbaa kiyya irraa yoo mucaa deebisee sii fiduu baadhe si biratti nama bara baraan si yakke ta'a. Kanaafuu ani garbichi kee gooftaa kiyya biratti garbicha ta'ee bikka mucaa kanaa as taa'aa mucaan kun ammo obboleewwan ufii wolii haa deemuu; «Yoo kana ta'uu baate, mucaan yoo na woliin hin jirre, attamiin gara abbaa kiyyaa deebi'a? rakkoo isa irra gawu ani arguu hin barbaadu» jedheen. Yooseef namoota isa bira dhaabatan maraa afo'otti obsuu dadhabee laagaa ufii ol qabatee «Namoota kanniin na irraa baasaa'a» jedhee dubbate; inni eennuun akka ta'e hennaa obboleewwan ufiititti himu, namni biraa ka achi dhaabate hin jiru. Inni hennaa laagaa ufii ol qabatee booyu namoonni biyya Misiriitii fi namoonni mana Fari'oonii keessa jiran dhagayan. Yooseef obboleewwan ufiitiin «Ani Yooseef obboleessa keessan; abbaan kiyya haga adhaa lubbu'uun jiraa?» isaaniin jedhe; obboleewwan isaallee waan nayaniif isaa deebisuu hin dandeenne. Hennaa san Yooseef obboleewwan ufiitiin «As natti siiqaa'a» jedhe; isaanillee itti siiqan; inni «Ani obboleessa keessan Yooseef ka isin worra biyya Misiriititti gurgurattan; na gurgurachuu keessanitti gaabbitanii hin gaddinaa'a; hin qunqunfatinaa'a; waan Rabbi lubbuu namootaa oolchu'uuf isin afo'otti na ergeef. Woggaan lamaan kun biyya lafaa irratti beela waan ta'eef woggoonni lafa hin qonnee fi hin haamne shantu hafe. Rabbi lafa irratti isin hambisu'uu fi qorsa ta'ee isin jiraachisu'uuf isin afo'otti na erge. «Ka garana na erge Rabbi malee isinii miti; Rabbi garana na ergee Fari'oon akka abba'aa mana ufii maraa irratti goofta'aa fi biyya Misirii maraa irrattuu bulchaa na taasise. Amma daddafa'aa abbaa kiyya bira dhaqa'aatii ‹Rabbi biyya Misirii maraa irratti gooftaa na taasiseeraa hin turinii dafii gara kiyya koottu; biyya Geeseemii teettaa; gara kiyyallee hin dhiyaattaa; atii fi ijoolleen tee, ijoolleen ijoollee teetii, hoolonni tee, sa'ooleen teetii fi loowwan kee maruu, akka hin rakkanne si'ii fi namoota mana keetii maraa, waan ati qabdu maraa hin nyaachisa; beelli woggaa shanii waan hafeeruuf» jedheen. «Waan kana ka isinitti dubbate ana akka ta'e isinii fi obboleessi kiyya Biiniyaamillee argitaniirtan; ulfinna ani biyya Misiriititti qabu kanaa fi waan ijaan argitan maraa abbaa kiyyatti hima'aatii daddafa'aa abbaa kiyya as fidaa'a» jedhe. Achiin maayessa morma obboleessa ufii ka Biiniyaamii qabatee booye; obboleewwan ufii maraa dhungatee booye; achiin maayessa obboleewwan isaa isa woliin dubbachuu jalqaban. Obboleewwan Yooseefii akka dhufan mana mootummaa Fari'ooniititti dhagayame Fari'oonii fi worri baallii qaban hin gammadan; Fari'oonillee Yooseefiin «Obboleewwan kee harriin fe'atanii gara biyya Kana'aanii akka galan isaanitti himi; abbaa ufiitii fi maatii ufii qabatanii haa dhufanii; anillee eebba biyya Misirii maraa isinii kennaa; isinillee nyaata gayaa argattanii gammachu'uun jiraachuu hin dandeettan. Atillee obboleewwan keetiin «Lafa biyya Misirii keessa daa'imman teessanii fi dubartoota teessan maraafuu konkolaataa fardaa fuudhaa'a; abbaa keessanillee qabadha'aa koottaa'a; meeshaa keessan maraafuu hin yaadinaa'a; eebbi biyya Misirii keessa jiru maruu keessan waan ta'eef isaaniin jedhi» jedheen. Ijoolleen Israa'elii akkuma inni jedhe godhan; Yooseefillee ajaja Fari'ooniitiin konkolaataa fardaatii fi dhalee kara'aa isaanii kenne; Maraafuu uffata jijjiiratan lama lama kenneef; Biiniyaamii saqilii dhibba sadihii fi uffata jijjiiratu shan kenneef. Abbaa ufiitiifillee akkuma san ergeef; harriin kudhanitti waan mishaa biyya Misirii keessatti argamu fe'ee ergeef; akkasuma hennaa dhufuuf harriin dhadhaltu'utti dhalee karaa irratti isaaniif ta'u fe'ee qamadi'ii fi buddeena ergeef. Yooseef obboleewwan ufiitiin «Kara'atti wol hin lolinaa'a» jedhee isaan geegessee nagaya isaanitti dhaamate. Isaanillee deemanii biyya Misirii keessaa bayanii biyya Kana'aanii abbaa ufii Yaaqoobiin bira gayanii, «Yooseef lubbu'uun jira, biyya Misirii maraa irratti bulchaa ta'eera» jedhaniin. Yaaqoob guddisee naye; isaan hin amanne. Waan Yooseef jedheen maraa isatti himanii konkolaataa fardaa ka Yooseef akka Yaaqoobiin fuudhaniif erge haga arge hin gammade; Israa'elillee, «Yoo ilmi kiyya Yooseef lubbu'uun jiraate na gaya; ani uduma hin duune isa argu'uuf dhaqa» jedhe. Israa'el waan ufii qabu maraa qabatee gara biyya Beersaabeehii dhaqee Waaqa Yisaaqii abbaa ufiitiif ciincaa dhiyeesse. Rabbi halkan eebju'uun itti mudhatee, «Yaaqoob! Yaaqoob!» jedhee waame. Innillee, «Yaa Gooftaa kiyya» jedhe. «Ani Waaqa abboota keetiiti; gara biyya Misirii dhaquu hin sodaatin; ani achitti banii guddaa si taasisaa; ani si woliin gara biyya Misirii dhaqa; hortee teellee deebisee achii baasa; hennaa ati duutu Yooseef ija gad sii haxaaya» jedheen. Yaaqoob Beersaabeehii ka'ee konkolaataa fardaa ka Fari'oon akka ijoolleen Israa'elii Yaaqoobiin ittiin fidu'uuf ergeen abbaa isaanii Yaaqoobiin, Ijoollee isaaniitii fi dubartoota isaanii yaabbisanii gara biyya Misirii fidan; horii ufiitii fi waan biyya Kana'aaniititti argatan maraa qabatanii Yaaqoobii fi horteen isaa maruu isa woliin gara biyya Misirii dhaqan; Ijoolleen isaa ta dhiiraa, ijoolleen ijoollee isaa ta dhiiraa, ijoollee intalaatii fi ijoollee ijoollee dhiiraa ta intalaa ufii hortee ufii maraa uduu hin hambifne gara biyya Misirii isaan fide. Maqaan ijoollee Israa'elii ka biyya Misirii galanii kanniin; Yaaqoobii fi ijoolleen isaa ilmi hangafaa ka Yaaqoobii Roobeel, Ijoolleen Roobeelii Heenoon, Faalusoo, Asroonii fi Karmi'i. Ijoolleen Simoonii Yimu'eel, Yaamiin, Ohaad, Yaakiin, Tohaarii fi Ilma intala biyya Kana'aanii Saa'ul. Ijoolleen Leewwi'ii Geedisoon, Qa'aatii fi Meeraari. Ijoolleen Yihuuda'aa Eer, Awunaan, Seeloom, Faareesii fi Zaara'a. Eerii fi Awunaan biyya Kana'aaniititti du'an; Ijoolleen Faareesii Eediroomii fi Hamul. Ijoolleen Yisaakoorii Tolaa, Fuwaa, Yoobii fi Shimiroon. Ijoolleen Zaabiloonii Seereed, Eeloonii fi Yaahili'eel. Ijoolleen Liyaan biyya Mesephexoomiyaa Sooriya'aatitti Yaaqoobii deettee fi mucattiin isi'ii Diina'a; ijoolleen Liya'aa ta dhiiraatii fi ta intalaa, ijoolleen ijoollee isi'ii maruu wolitti qaba'atti nama soddomii sadihii kanniin. Ijoolleen Gaadii Tiifoon, Hagii, Shunii, Eesboon, Eer, Aroodii fi Ar'eel. Ijoolleen Aseerii Yimnaa, Yasuwaa, Yasuwii, fi Bari'aa fa'a. Obboleettiin isaanii Seeraahi. Ijoolleen Bari'a'aallee Hebeerii fi Maalki'eel. Ijoolleen Zalafa'aa ta Laabaan mucattii ufii Liya'aa kenne ta isiin deettee fi ijoolleen ijoollee isi'ii namoota kudha jaha. Ijoolleen Yaaqoobii ta Raaheel deette Yooseefii fi Biiniyaam. Yooseefillee biyya Misiriititti Minaase'ee fi Efreemiin uumate; kunniin ijoollee Asnaatii ta intalti gadichi qachaa Heliyootu'uu Phiixifaara'aa Yooseefii deette. Ijoolleen Biiniyaamiillee Beelaa, Beekeerii fi Asbeel; ijoolleen Beela'aallee Geeraa, Naa'imaa, Aak, Roos, Maanfeen, Huufiim, Geeraamii fi Aardiin fa'a. Ijoolleen Raaheel Yaaqoobii deette ijoollee isaanii woliin namoota kudha afur. Ilmi Daanii Huushiim. Ijoolleen Niftaalemiillee Yaahisi'eel, Gunii, Yeetirii fi Shiileem. Ijoolleen Baala'aa ka Laabaan Raaheelii kenne ta isiin Yaaqoobii deette wolitti qabaa nama torba. Namoonni Yaaqoobiin woliin gara biyya Misirii galan haawwota manaa ta ijoollee ufiitiin alatti worri gudeeda isaatii bayan wolitti qabaa namoota jahaatamii jaha. Ijoolleen Yooseef biyya Misiriititti uumate nama lama; ijoolleen mana Yaaqoobii ka biyya Misirii galan wolitti qabaa namoota torbaatama. Yaaqoob ilma ufii Yihuudaa akka Yooseef Geeseemitti isaan simachu'uuf itti ergee hennaa isaan Geeseemiin gayan; Yooseefillee konkolaataa fardaa ufii fudhatee abbaa ufii Israa'eliin simachu'uuf gara Geeseemii dhaqe; haga abbaa arge mormatti maramee hennaa dheeraa booye. Israa'elillee Yooseefiin, «Uduu lubbu'uun jirtu waan si argeef amma du'ullee na gaya» jedhe. Kanaan maayessa Yooseef obboleewwan ufiitii fi maatii abbaa ufiitiin akkana jedhe «Ani dhaqee Fari'ooniin ‹Obboleewwan tiyya ta biyya Kana'aanii jiranii fi maatiin abbaa kiyyaa natti dhufaniiran; isaan worra horii horsiisan; hoolota, re'iin, loowwanii fi waan qaban maraa qabatanii dhufaniiran; Fari'oon yoo isin waamee ‹Hujiin keessan maali'i?› jedhee yoo isin gaafate; ‹Nu'u garboonni tee ijoollummaa irraa haga adhaa nu'uu fi abboonni teennallee worra horii horsiisu› jedha'aanii; worri hoolaa tissu maruu biyya Misiriititti waan tuffatamaniif akka Geeseemiin teettan isin taasisaa» isaaniin jedhe. Yooseefillee Fari'ooniin, «Abbaan kiyyaa fi obboleewwan tiyya, loowwan isaaniitii fi wonti isaan qaban maruu biyya Kana'aanii keessaa bayanii biyya Geeseemii jiran» jedheen. Obboleewwan ufii keessaa namoota shanii Fari'ooniin afoo fide. Fari'oon, «Hujiin keessan maali'i?» jedhee isaan gaafate; Isaanillee Fari'ooniin «Nu garboonni teetii fi abboonni teennallee worra hoolota horsiisu. Beelli biyya Kana'aaniititti guddisee waan hammaateef hulee hoolota teenna itti tiffannu dhabnee biyya kana keessa taa'u'uuf dhufneerra; nu garboonni tee biyya Geeseemii akka teennu si kadhanna.» jedhaniin. Fari'oon Yooseefiin, «Abbeetii fi obboleewwan tee dhufaniiran; lafti Misirii tun badho'oo obboleewwan teetii fi abbeetiillee hulee mishaa kenniif; biyya Geeseemii keessa haa jiraatanii; isaan keessaa nama beekkumsa qabu yoo ka beettu ta'e worra horii kiyya tissan irratti bulchaa godhi» jedheen. Yooseef abbaa ufii Yaaqoobiin gara Fari'oonii fidee isa afoo dhaabsise; Yaaqoobillee Fari'ooniin eebbise; Fari'oon Yaaqoobiin «Umuriin kee meeqa» jedheen. Yaaqoobillee Fari'ooniin «Ani woggaa dhibbaa fi soddoma ta'eera; bara jireenna kiyyaa keessa wonti badaanillee na irra gayeera; barri kiyya haga bara abbootiin teenna lafa irra jiraatanii hin gawu» jedhee; Fari'ooniin eebbisee biraa baye. Achiin maayessa Yooseef akkuma Fari'oon isa ajaje obboleewwan ufiitii fi abbaa ufii lafa biyya Misirii keessatti naannoo Raamse'ee ristii isaanii kenne. Yooseef abbaa, obboleewwan ufiitii fi maatii ufii maraafuu midhaan haguma isaanii gawu kenneef. Biyya marattuu midhaan waan hin jirreef beelli guddisee hammaatee sababa beelaatiif biyyi Misiriitii fi biyyi Kana'aanii maruu hin miidhame. Yooseef qarshii midhaanii ka biyya Misiriitii fi ka biyya Kana'aaniititti gurgurate maraa wolitti qabee mana Fari'ooniititti galche. Qarshiin biyya Misiriitii fi ka Kana'aanii dhumnaan namoonni biyya Misiriitii maruu gara Yooseefii dhufanii «Maaf beelaan dhumna? midhaan nuu kenni» jedhaniin. Yooseef, «Horii loonii keessaa naa fidaa'a; bikka san midhaan isinii kennaa» jedhe. Isaan horii, faradoo, hoolota, sa'oolee, harriin Yooseefii kenninaan inni bikka san midhaan isaanii kenne; woggaa san bikka horii isaanii midhaan isaanii kenne. Woggaan sun dhumnaan woggaa lammeesso'oollee gara isaanii dhufanii «Nu'u gooftaa keenna hin dhoffannu qarshiin keenna maruu nu jalaa dhume; horiin loonii keenna ammo gooftaa keenna bira jira; nu lafa tanaa fi uf malee womaa hin qabnu. Nu maaf si biratti dhumna? biyyi teennallee maaf baddi? nu'uu fi biyya teennallee midhaaniin biti; nu fari'oonii garboota haa taanuu; lafti teennallee ta isaa haa taatuu; nu akka du'a oollu, lafti teennallee akka hin banne midhaan facaafannu nuu kenni» jedhaniin. Yooseef lafa biyya Misirii maraa Fari'oonii bite; waan beelli namoota Misiriititti jabaateef ristii ufii gurguratanii lafa qabeenna Fari'oonii taate. Banii biyya Misirii maraa daanga'aa kaasee haga daangaa kaanii garboota isaan godhate. Inni lafa gadootaa callaa dhiise; waan gadoonni Fari'ooniin irraa durgoo argataniif isaan lafa ufii itti hin gurguranne. Yooseef bani'iin, «Ani adha isinii fi lafa keessanillee Fari'oonii biteera sanyii fuudha'aatii facaafadhaa'a. Hennaa midhaan gaye harka shan keessaa tokko Fari'oonii kennaa'a; arfan hafe ammo maasaa keessanii fi nyaata maatii keessaniitiif haa ta'uu» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Akkuma ati du'a nu oolchite nuullee gooftaa keenna afo'otti gaachena nuu haa kennuu; nullee Fari'oonii garboota taanaa» jedhaniin. Yooseefillee lafa gadootaatii achi haga adhaa biyya Misiriititti harka shan keessaa tokko Fari'oonii kennuun seera ta'e. Israa'el biyya Misirii Geeseemiin keessa jiraatee bulche, hin horan, guddisanii baay'atanille'e. Yaaqoob biyya Misirii keessa woggaa kudha torba taa'e; umuriin Yaaqoobii woggaa dhibba tokkoo fi afurtamii torba. Israa'el hennaan du'u geennaan ilma ufii Yooseefiin waamee «Yoo si afo'otti gaachena argadhee jiraadhe koottuu gudeeda kiyya qabii akka biyya Misiriititti na hin awwaalle dhugamaan naa kakadhu. Yoo ani du'e biyya Misirii keessaa na baasii awwaala biyya abboonni tiyya itti awwaalamanitti na awwaaltaa» jedheen. Innillee, «Akkuma ati jette sii godha» jedheen. Yaaqoob, «Naa kakadhu» jedheen; Yooseefillee hin kakateef; Israa'el gara mataa siree ufiitiin Rabbii sagade. Achiin maayessa «Abbee dhibameera» jedhanii Yooseefitti himnaan inni ilmaan ufii lamaan Minaase'ee fi Efreemiin qabatee dhaqe. Yaaqoobitti, «Kunoo Yooseef dhufeera» jedhanii himan; Israa'el jajjabaatee ol jedhee taa'e. Yaaqoob Yooseefiin, «Waandhi waa maraa danda'u biyya Kana'aanii hulee Loozaa jedhamtutti natti mudhatee na eebbise; ‹Si daraarsa, si baay'isa, banii badhaa si taasisa; lafa tana hortee kee ka siin maayessa dhufuu kenna› naan jedhe» jedheen. Ammallee uduu ani gara kee hin dhufne ijoollee biyya Misiriititti sii dhalatte lamaanuu Efreemii fi Minaaseen akkuma Roobeeliitii fi Simooniititti laakkayaman. Ijoolleen kanniiniin maayessa uumattu tee haa taatuu; maqaa obboleewwan ufii ka Efreemiitii fi ka Minaase'eetiin haa waamamanii. Ani uduu Masephoxomi'aa deebi'aaru biyya Efraataa seenu'uuf diqqoon na hafeeru Raaheel biyya Kana'aanitti kara'atti na harkatti duunaan karaa Efraata'aa irratti awwaale. (Huleen sun adha Beeteliheem jedhamti.) Israa'el ijoollee ufii argee «Kunniin eennu fa'a?» jedheen. Yooseefillee abbaa ufiitiin «Ijoollee Rabbi hennaa ani biyya tana keessa jiru naa kenne» jedheen. Innillee «Isaan eebbisaa as naa dhiyeessi» jedheen. Israa'el jaaree ijaan arguu hin danda'u ture; innillee gara isaa dhiyeessinaan ammatee isaa dhungate. Israa'el Yooseefiin «Ani si arga jedhee hin yaanne ture; Rabbi ammo hortee keetuu na argisiise» jedheen. Yooseef ijoollee abbaa ufii irraa achi siisseefii haga kallachaan lafa tuqutti gad jedhe. Yooseef ijoollee ufii lamaan Efreemiin mirgaan, Minaasee bitaa Israa'eliitiin kaaye. Israa'el harka ufii wol jala dabarsee harka ufii ka mirgaa hiixatee Efreemiin irra kaaye; inni ammo maandhaa ture; harka ufii ka bita'aa Minaasee irra kaaye; Minaaseen hangafa. Kanaan maayessa Yaaqoob Yooseefiin akkana jedhee eebbise; Waandhi abboonni tiyya Abrahaamii fi Yisaaq faanaa deema'aa isa tajaajilanii fi Waandhi anallee jireenna kiyya maraa eegee haga adhaa na tisse ijoollee tanniin haa eebbisu! Maleekkaan waan badaa jalaa na hambise, Isaanillee haa eegu. Isaan maqaa kiyya, maqaa abboota tiyyaa Abrahaamii fi Yisaaqiin haa waamamanii, horanii lafa irratti haa baay'atanii» jedhee isaan eebbise. Yooseef waan abbaan isaa harka ufii ka mirgaa Efreemiin irra kaayeef gaddee harka abba'aa Minaasee irra kaawu'uuf Efreemiin qabe; Yooseef abbaa ufiitiin, «Abbaa kiyya akkasii miti; inni hangafa waan ta'eef harka kee ka mirgaa isa irra kaayi» jedheen. Abbaan ammo didee, «Ilma kiyya beekeera; kunillee akkasuma banii guddaa ta'a; hin baay'atalle'e; ammo ilmi maandha'aa ka hangafaa tara; horteen isaallee baay'ee banii guddaa ta'a» jedheen. Gaafasuma isaan eebbise; Israa'el akkana jedhamee isiniin eebbifama ‹Rabbi akka Minaase'eetii fi akka Efreemii isin haa godhu› jedhan» akka kanaan Yaaqoob Efreemiin Minaasee hangafsiise. Israa'el Yooseefiin «Ani hin du'a; Rabbi isin woliin ta'a; gara lafa abboota teessaniillee isin deebisa; lafa ani worra Amoorotaa irraa woraanaa fi guraade'een lolee harkaa fudhadhe obboleewwan tee keessaa harka tokko caalchisee sii kenneera» jedheen. Yaaqoob ijoollee ufii waamee, «Waan bara maayessaa ta'u isinitti himaa wol gayaa'a» «Isin ijoollee Yaaqoobii; wol gaya'aatii waan abbaan keessan Yaaqoob isiniin jedhu dhagayaa'a» isaaniin jedhe. «Roobeel; ati ilma kiyya ka hangafaatii fi ka ani ka'imumma'aan uumadhe. Ati ijoollee kaawwan maraa hunnaa fi ulfinnaanillee hin caalta. Garuu akka bisaanii olii gad asii fi achi raafamta; baalliin siif hin ta'u; gulantaa tarkaanfattee siree abbeetii kortee waan batteessiteertuuf. «Simoonii fi Leewwiin obboleewwan; woraana ufiitiin namatti ka'an. Ani marii isaanii keessa hin jiru; gumii isaaniillee hin dhaqu; waan lolaan nama ajjeesaniiraniif; fedha ufiitiin waan sangoota hedduu caccabsaniif; Lolli isaanii jabaanii fi garjabummaan isaanii hamaan haa abaaramu. Gosa Israa'elii keessatti gargar isin qooda; biyya Israa'elii keessa isin bittinneessa. «Yihuudaa; si ammo obboleewwan tee si galatoonfatan; Harki kee lum'a diina keetii irra ta'a; Ijoolleen abbeetii gad uf salphisanii; gad sii jedhan. Yihuudaan akka ilmoo Leencaati; ilma kiyya ati dhadhoola'aa guddatte; ati akka Leenca dhokatee fi akka leenca dhalaa ripheeti; eentu maandhee isaatii kaasa? Baalliin mootumma'aa mana Yihuuda'aatii hin dhabamu; haga ka bulchu dhufuuf; halangeen baalli'ii isa biraa hin dhabamtu; ormillee isaa ajajama. Harree muka woyini'iititti; ilmoo harre'ee gaalee muka woyini'iititti hidhata, uffata ufii daadhii woyini'iitiin; woyaa ufiillee cuunfaa woyini'ii ka akka dhiigaa diimateen miica. Ijji isaa daadhii woyini'ii caalaa diimata; ilkaan isaa aannan caalaa addaata. «Zaabiloon qarqara galaanaa jiraata; daangaan isaa hulee markabni itti wolitti qabamu ta'a; qacceen isaa haga biyya Siidoona'aati. «Yisaakoor akka harree lafee jaba'aa ka hoolota jidduu ciisuuti; Haa ta'uu ammo hennaa akka huleen inni ciisu misha'aa, laftillee ta nama gammachiiftu akka taate hennaa arge; fe'aa baadhachu'uuf duddaan gad jedha; akka hojjata'aatitti hujii hunnaa hojjata. «Daan gosa Israa'eliiti; inni gosa ufiititti murteessa; Daan akka bofa karaa keessaa ta'a; karaa keessatti akka bofa waa idduu ta'ee, karaa keessa ciisee buudaa fardaa iddee, abbaa fardaa duubaan kuffisuuti. «Yaa Rabbi; ani fayyisuu kee eeggadha. «Gaadiin saamtootatu miidha; innillee isaanitti duulee; isaan ari'a. «Qabeenni Aseerii gudda'a; inni dureessa ta'a; moototaa dhiyana mishaa kenna. «Niftaaleem akka kuruphee gad hiikkamteeti; inni dubbii mishaa dubbata. «Yooseef daraaraa muka diqqo'ooti; akka daraaraa burqaa biraati. Gaaleen isaa kaloo gubbaa yaa'a. woraanaan isa rakkisan hin mormaniin, hin iddaniin. Haa ta'uu ammo woraanni isaa inuma jabaate; irreen isaallee irree jabaa Waaqa Yaaqoobii ka isa tissuun jabaate. Waandhi abbaa keetii ka si gargaaru; Waandhi waa maraa danda'u innillee ka si eebbisu; eebba ol Samii irraa argamuun, eebba gad fago'ootiin, eebba gadii ka harmaatii fi gadaamessaa, eebba abbeetii; Eebba nama gammachiisu; ka gaarran bara baraan dhaabatanii fi goodda maraa irra eebba abbaa keetiititu caala. kanaafuu eebbi kunniin maruu mataa Yooseefii irra jira. Yooseef bulchaa obboleewwan ufii ta'ee irra haa taa'u. «Biiniyaam akka Yeyyii waa butuuti; waan dhadhoole ganama nyaata; waan booji'e galgala qoodama» isaaniin jedhe. Kunniin maruu kudha lamman ijoollee Israa'eliiti; wonti abbaan isaanii isaanitti himellee kana; kun eebba inni isaan eebbise ka isaan maraafuu ta'u. Asiin maayessa inni «Ani gara worra kiyyaa deema; isin lafa goda maasaa nama Keexotaa abboota tiyya biratti na awwaalaa'a; lafti sun ta Abrahaam ristii awwaalaatiif jedhee Efroonii nama Keexotaa irraa bite ta biyya Kana'aanii Maammiree Makfeelaa afo'ooti; Abrahaamii fi Saaraan achitti awwaalaman; Yisaaqii fi haati manaa isaa Ribqaanillee achumatti awwaalaman. Akkasuma anillee Liyaa achitti awwaale; maasaan sunii fi godattiin maasaa bira jirtullee ta ijoollee Keexotaa irraa bitamtetti anallee awwaalaa'a» isaaniin jedhe. Yaaqoob haga ajaja kanniin ilmaan ufiititti himeen maayessa luka ufii gara tokko deebifatee du'ee worra ufii ka du'etti eda'ame. Yooseef reeffa abbaa ufii irratti kufee booyee dhungate. Yooseef ogeeyyiin qorichaa reeffa abbaa isaatitti akka urgooftuu diban ajaje; ogeeyyiin qorichaallee reeffa abbaa isaa urgooftuu diban. Reeffa isaa gossu'uuf guyyaa afurtama fixe. Namoonni biyya Misiriillee haga guyyaa torbaatamaa booya isaa taa'an. Ji'oonni booyaa haga lufaniin maayessa Yooseef maatii Fari'ooniitiin, «Ani yoo isin afo'otti gaachena argadheera ta'e Fari'oonitti; abbaan kiyya hennaa lubbu'uun jiru ‹Yoo ani du'e boolla ani biyya Kana'aaniititti qotetti na awwaali› jedhee waan na kassiiseeruuf amma deemee abbaa kiyya awwaalee deebi'a jedhe› jedha'aatii itti naa himaa'a» isaaniin jedhe. Fari'oonillee, «Deemi akkuma abbaan kee si kassiise awwaaladhu» jedheen. Hennaa Yooseef reeffa abbaa ufii awwaalu'uuf ol baye worri baallii qaban ka mana mootummaa Fari'oonii keessa hojjatan jaarsonni, namoonni gugurdaan baallii qabanii fi kuuwwanillee Yooseefiin woliin deeman. Maatiin abbaa isaa maruu ijoollee mana ufiitii fi horii ufii Geeseemitti dhiisanii isa woliin deeman. Konkolaataan fardaatii fi worri fardaallee baniin baay'een isa woliin bayan. Gara raasaa «Axaadii» ka Yoordaanosiin gamaa dhufan; achitti haga guyyaa torbaa booya guddaa booyaniif. Namoonni biyya san jiran, booya raasaa Axaadiititti booyan hennaa argan «Kun worra Misiriitiif booya gudda'a» jedhan; kanaaf maqaa hulee sanii «Abeel Mitsiraayim» jedhanii itti baasan; huleen sun Yoordaanosiin gama. Ijoolleen isaallee akkuma inni isaan ajaje isaa godhan; reeffa isaa gara biyya Kana'aanii fidanii goda maasaa Makfeela'aa keessatti awwaalan; lafti sunillee lafa Abrahaam ristii awwaalaatiif Eefroonii Keexotaa irraa bite ta Maammiree afo'ooti. Yooseefii fi obboleewwan isaa worri isa woliin reeffa abbaa isaa awwaalu'uuf deeman maruu haga awwaalaniin maayessa gara biyya Misirii deebi'an. Obboleewwan Yooseefii haga abbaan isaanii du'een maayessa maal laataa «Yooseef yakka nu isa irra geessine maraaf haga ammaa gadoo nutti qabatee haluu nu bawuu yoo barbaade maal haa goonu?» woliin jedhan. Kanaaf dhaamsa akkana jedhu gara Yooseefii erganii «Abbaan kee uduu hin duune; ‹Miidhaa obboleewwan tee sirra geessan isaanitti hin laakkayin siin jedheera› jennee akka sitti himnu nu ajajeera; kanaafuu yabo'oo yakka nu garboonni Waaqa abbaa keetii si irratti raawwanne maraa akka nuu dhiiftu si kadhanna.» Yooseef hennaa kana dhagaye hin booye. Achiin maayessa obboleewwan isaallee dhufanii «Nu garboota teeti» jedhanii isaa gad jedhan. Yooseef ammo, «Hin sodaatinaa'a; ani bikka Rabbii bu'aa? Isin waan hamaa natti yaaddan; Rabbi ammo banii baay'ee hambisu'uuf yaadee akkuma adha argitan kana godheera. Ammallee hin sodaatinaa'a; ani isinii fi ijoollee teessanillee hin nyaachisaa» jedhee isaan jajjabeessee isaan gammachiise. Yooseef maatii abbaa ufii woliin biyya Misirii keessa jiraate; inni woggaa dhibbaa fi kudhan jiraate; Yooseef ijoollee Efreemii haga abaabayyu'uu arge; ilma Minaase'eetii fi ijoollee Maakiriillee akkuma ijoollee ufiititti laale. Achiin maayessa Yooseef obboleewwan ufiitiin «Ani du'uu gayeera; Rabbi ammo isin tooyata; biyya tanaallee isin baasa; gara biyya Abrahaamii, Yisaaqii fi Yaaqoobii kennu'uuf kakateetitti isin galcha» isaaniin jedhe. Yooseef ijoollee Israa'eliitiin «Hennaa Rabbi isin tooyatee asii isin baase lafee tiyya fuutanii akka deemtan» jedhee isaan kassiise. Yooseef woggaa dhibbaa fi kudhanitti du'e; reeffa isaa urgooftu'uun dibanii yabala keessa kaayan. Maqaan ijoollee Yaaqoobii ka Israa'el jedhamanii waamamanii ka Yaaqoobiin woliin gara biyya Misirii galanii kanniin. Roobeel, Simoon, Leewwii, Yihuudaa, Yisaakoor, Zaabiloon, Biiniyaam, Daan, Niftaaleem, Gaadii fi Aseer. Horteen maatii Yaaqoobii wolitti qaba'atti namoota torbaatama; Yooseef durumaa biyya Misirii keessa jiraata ture. Yooseef haga du'e ilmaan haadhaa ta isaatii fi horteen isaa maruu, ijoolleen Israa'eelii horanii baay'atanii guddisanii badhatanii lafa guutanii jajjaboota ta'an. Kanniin maraan maayessa biyya Misirii keessatti mootiin Yooseefiin hin beenne mooye. Inni, «Baniin Israa'elii kun nu caalaa horanii baay'atanii jabaataniiran, Kanaafuu yoo diinni keenna nutti ka'e isaanillee isaan gargaaranii nu woraananii akka biyyaa hin baqanne koottaa mala isaanitti haa dhoofnuu» jedhe. Kanaan maayessa akka hujii gudda'aan worra Israa'elii miidhan worra garaa jabaatan ka isaan hojjachiisan isaan irratti muudanii qachaa Raamse'ee fi Fiitoomiin Fari'oonii ijaarsisiisan. Garuu worri Israa'elii haguma isaan isaan rakkisaniin ta qaraa caalaa baay'atanii lafa guutanii jabaatan; kanaaf worri Misirii guddisanii isaan sodaatan. Worri Misirii ijoollee Israa'elii rakkisa'aa bulchan. Hujii jajjaba'aan dhoqqee dhiichisuu, faara dhoofsisuu, qonna qochisiisuu maraan hujii isaan rakkisuun jireenni isaanii akka isaanitti hadhaawu godha'aa turan. Kanaan maayessa mootiin biyya Misirii deessiftuu worra Ibrootaa Siphaara'aa fi Fuwa'aan, «Isin hennaa dubartiin Ibrootaa dawuu geette hennaa deessiftan, yoo dhiira ta'e ajjeesaa'a; yoo intala taate ammo haa jiraattuu itti dhiisaa'a» isaaniin jedhe. Worri deessisu ammo Rabbiin sodaatanii akka mootiin biyya Misirii isaan ajaje hin goone; daa'imman dhiiraa hin ajjeefne. Mootiin biyya Misirii dubartoota deessiftu sanniin ufitti waamee, «Maaf akkana gootan? Daa'imman dhiiraa maaf dhiiftan?» jedhee isaan gaafate. Deessiftoonni ammo Fari'ooniin, «Dubartoonni Ibrootaa akka dubartoota biyya Misiriitii miti; isaan jajjabdoota; uduu worri deessisu isaan bira hin geenne waan ufumaan dayaniif» jedhaniin. Rabbi worra deessisuuf waan mishaa godhe; baniinillee baay'atee guddisee jabaate. Worri deessisan waan Rabbiin sodaataniif Rabbi mara isaaniitiifuu maatii kenne. Kanaan maayessa Fari'oon, «Dhiira dhalate maraa lagatti gataa'a, intala dhalatte maraa ammo hin ajjeesinaa'a» jedhee banii maraa ajaja cima'aan seere. Hennaa san gosa Leewwi'ii keessaa namni tokko dhaqee intala gosa Leewwi'ii takka fuudhe; Dubartittiin sun ulfooftee ilma dhiiraa deettee inni mucaa bareedaa waan ta'eef ji'a sadihii dhossite. Dhossitullee isa baasuu akka hin dandeenne beettee keeshee awwaaree irraa hojjatame qopheessitee ham'e'een qaawa maraa duuchitee daa'ima keessa keettee, qarqara lagaa beelee keessa keette. obboleettiin isaallee eessa akka isa kaaya'aaran fagoo dhaabattee laala'aa turte. Hennaa san mucattiin Fari'oonii dhiqachu'uuf laga buute; hojjattoonni isi'iillee qarqara lagaa deddeema'aa turan. Mucattiin Fari'oonii yoo keeshee bantu, daa'imni booya'aa ture. Daa'imni garaa nyaateenii, «Daa'imni kun daa'ima worra Ibrootaati» jette. Hennaa san obboleettiin isaa mucattii mootichaatiin «Deemee dubartoota Ibrootaa keessaa ta harma hoosiftee guddiftu sii soquu?» jetteen. Mucattiin Fari'oonillee, «Ee; deemii naa soqi» jetteen; isiinillee deemtee haadha mucaa sanii waamte. Mucattiin Fari'oonii «Daa'ima kana fuudhiitii harma naa hoosis gatii sii kaffalaa» jetteen; dubartittiinillee mucaa fuutee harma hoosifte. Mucaanillee hin guddate; isiinillee gara mucattii Fari'oonii fiddee ilma isi'ii jedhame; Isiin, «Waan bisaan keessaa argeef jettee maqaa isaa «Muusee » jettee itti baafte. Muuseen haga guddate gara obboleewwanii dhaqee huji'iin akka rakkata'aaran arge; nama gosa Misirii uduu inni obboleessa isaa Ibricha tuma'aaru argee, bita'aa fi mirga laallatee womaa dhabee nama biyya Misirii san ajjeesee xidhacha keessatti dhosse. Guyyaa lammeesso'oollee hennaa bawu namoonni Ibrootaa lamaa uduu wol lolan argee «Maaf obboleessa kee miita?» Jedheen. Namichillee «Eentu nu irratti si muude? Moo akka namicha Misirii ajjeefte nallee ajjeesuu barbaaddaa?» jedheen; Muuseenillee «Wonti kun dhugamaan natti beekkameera» jedhee sodaate. Fari'oon hennaa waan kana dhagaye Muusee ajjeesu'uuf soqe; Muuseen ammo Fari'ooniin jalaa baqatee biyya Miidiyaamii keessa jiraachu'uuf dhaqee boolla bisaanii biratti hara baafate. Gadichi biyya Miidiyaamii tokko ijoollee intalaa torba qaba; isaan dhufanii bisaan woraabanii hoolota abbaa ufii obaasu'uuf gonga'atti guutan. Tissoonni biraa dhufanii isaan ari'an; Muuseen ammo ka'ee isaan gargaaree hoolota isaanii bisaan obaase. Hennaa gara abbaa ufii gara Raagu'eelii deebi'an, «Adha attamitti daddaftanii galtan?» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Namicha biyya Misirii tokkotu nu gargaaree tissoota nu irraa dhooggee bisaanillee nuu woraabee hoolota nuu obaase» Jedhaniin. Innillee ijoollee ufiitiin, «Maaf dhiiftanii dhuftan ree? waama'aanii nyaata haa nyaatuu» isaaniin jedhe. Muuseen namicha san bira jiraachuu murteeffate; namichi sunillee mucattii ufii Siphaaraa akka Muuse'ee haadha manaa taatuuf isaa kenne. Isiinillee ilma deetteef; inni «Ani biyya kanatti gala'a jedhee maqaa mucaa ufii Geersaam » jedhee itti baase. Woggoota baay'e'een maayessa mootiin biyya Misirii hin du'e; ijoolleen Israa'elii waan garbummaa ufiitiif hin booyan; hin iyyan; iyyansi isaaniitii fi booyichi isaanii Rabbiin bira gaye. Rabbillee laagaa booyicha isaanii dhagayee waada Abrahaamii, Yisaaqii fi Yaaqoobiin woliin gale yaadate. Rabbi ijoollee Israa'elii akka isaan garbummaa keessatti rakkata'aaran argee waan isaaniitiif yaade. Muuseen gadicha worra Miidiyaamii soddaa ufiitii hoolota tissa'aa ture; inni hoolota lafa gammoojji'ii keessa oofee gara kooreebii gaara Rabbii jedhamee waamamuu dhaqe. Maleekkaan Rabbii ibidda saato'oo ka bobawu keessaan itti mudhate; ibiddi saatoo keessaan hennaa bobawu; saatoon ammo akka gubata'aa hin jirre argee, dhaqee «Maaf akka hin gubanne waan maalalchiisaa guddaa kana laalaa» jedhe. Rabbi akka Muuseen waan kana laalu'uuf dhufe argee, saatoo keessaa «Muusee! Muusee!» jedhee waame; Muuseenillee «Yaa!» jedhe. «Garana as hin dhiyaatin huleen ati dhaabatteertu tun waan Woyyuu ta'eef kophee luka keetii baafadhu; ani Waaqa abbaa keetii Waaqa Abrahaamii, ka Yisaaqiitii fi ka Yaaqoobiiti» jedheen; Muuseen ammo waan gara Rabbii laaluu sodaateef fuula ufiititti haguuggate. Achiin maayessa Rabbi, «Rakkinna banii kiyyaa ka biyya Misirii jiruu argee waan worra isaan gabbarsiisaniitii fi iyya isaan iyyan dhagayeera; rakkoo isaaniillee beekeera. Harka worra biyya Misiriitii isaan baasee gara biyya aannanii fi damma baaftuu gara biyya badhoo michu'uu gara biyya Kana'aanii, Keexotaa, Amoorotaa, Feerzotaa, Eewiyaanotaatitii fi gara biyya Iyyaabusootaa isin baasu'uuf gad bu'e; amma iyyi ijoollee Israa'elii gara kiyya ol bayeera; dhiibbaa worri biyya Misirii isaan irratti godhu argeera. Ati amma koottu, banii kiyya ijoollee Israa'elii biyya Misirii keessaa akka baaftu gara Fari'oonii si ergaa» jedheen. Muuseenillee Rabbiin «Ani eennu ka gara Fari'oonii dhaqee ijoollee Israa'elii biyya Misiriitii baasu?» Jedheen. Rabbi, «Ani si woliin ta'a; akka ani si ergellee malkanni kana; hennaa banii biyya Misiriitii baafte gaara kana irratti na Waaqeffattan» jedheen. Muuseenillee Rabbiin, «Yoo ani gara ijoollee Israa'elii dhaqee ‹Waaqa abbootii teennaatitu gara keessan na erge› jedhe, yoo maqaan isaa eennu? jedhanii na gaafatan maal isaaniin jedha?» Jedheen. Rabbillee Muuse'een «Ani ‹ka jiruu fi ka jiraatu› akkasuma ‹ka jiruu fi ka jiraatutu gara keessan gara ijoollee Israa'elii na erge› isaaniin jetta» jedheen. Rabbi ammallee Muuse'een, «Ijoollee Israa'eliitiin Waandhi Abrahaamii, Waandhi Yisaaqiitii fi Waandhi Yaaqoobii gara keessan na erge; kun maqaa kiyya ka bara baraati; maqaa kanaan baraa haga bara baraa beekkama. Ka'iitii jaarsota Israa'elii wolitti qabii Waandhi abboota teessanii Waandhi Abrahaamii, Waandhi Yisaaqiitii fi ka Yaaqoobii «Ani isin argeera; waan biyya Misiriititti isin irra gayellee argeera. Rakkinna biyya Misiriitii gara biyya Kana'aanii, Keexotaa, Amoorotaa, Feerzotaa, Ewiyaanotaatii fi gara biyya Iyyaabusootaa ta aannanii fi damma baaftuu isin baasa jedhee natti mudhate isaaniin jedhi. Isaan «Waan ati jette hin dhagayan; achiin maayessa atii fi jaarsonni Israa'elii mootii biyya Misirii bira dhaxxanii ‹Waandhi Ibrootaa nutti mudhatee, akka Rabbii Waaqa keennaa ciincaa dhiyeessinu karaa deemsa guyyaa sadihii lafa gammoojji'ii keessa deemna› jettaniin. Garuu mootiin biyya Misirii hunna jaba'aan yoo ta'e malee akka gad isin hin dhiifne Ani hin beeka. Kanaafuu ani harka kiyya isatti diriirsee maalalee sodaachisuun biyya Misirii dhaya; achiin maayessa inni gad isin dhiisa. «Afoo banii biyya Misiriititti banii kanaa gaachena kenna; hennaa achii baatan harka duwwaa hin baatan. Dubartiin maruu ollaa ufii irraa, ta mana isi'ii jirtu irraa meeshaa birrii, worqi'ii fi faaya gara garaatii fi uffatallee hin fudhatan; isin ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta intalaatitti gootan; akkaataa kanaan worra biyya Misirii saamtanii yaatan» Muuseenillee Rabbiin «Sirima na hin amanan; dubbii kiyyallee hin dhagayan; ‹Rabbi sirima sitti hin mudhanne› yoo naan jedhan maal jedha?» jedhe. Rabbi «Wonti harka kee jiru kun maali'i?» jedheen; innillee «Ule'e» jedheen; Rabbillee, «Lafa buus» jedheen. Inni lafa buufnaan bofa taate; Muuseen isii irraa dheesse. Rabbi «Harka kee bobaa jala kaayadhu» jedheen; innillee harka ufii bobaa kaayatee yoo harka ufii boba'aa baafatu, adii akka barada'aa ta'e. Innillee, «Harka kee boba'atti deebifadhu» jedheen; innillee harka ufii boba'atti deebifatee henna baafatu, deebi'ee nafa isaa fakkaate. «Ammallee malkata duraa yoo amanuu baatan malkata lammeesso'oo hin amanan. Yoo malkata kana lamaan amanuu baatan, jecha keellee yoo dhagawuu baatan lagaa bisaan woraabii lafa gogaa irratti jissi; bisaan lagaa woraabdee lafatti jissite sun dhiigatti jijjiirama» jedheen. Muuseen Rabbiin «Gooftaa kiyya, afaan kiyya hin cabaqa; arraba kiyyaanillee qajeelchee dubbadhee hin danda'u; kaleessaa fi dheengadda hennaa ati garbicha kee natti dubbatte irraa jalqabee afaaniin dubbadhee hin danda'u» jedheen. Achiin maayessa Rabbi Muuse'een «Afaan namaa ka uume eennu? duudaa'a, ka gurraan hin dhageenne, ka argu akka hin argine ka godhu anaa mii? Kanaafuu amma deemi; ani afaan sii ta'aa; waan dubbattullee sitti himaa» jedheen. Innillee, «Gooftaa kiyya; yabo'oo bikka kiyya nama biraa akka ergitu si kadhadha» jedheen. Rabbi Muuse'etti aaree «Namni gosa Leewwi'ii obboleessi kee Aaroon hin jiraa mii? Inni midhaassee akka dubbatu hin beeka; inni gara kee dhufa; hennaa argiteen inni garaa ufii keessatti hin gammada. Ati isatti himta; waan inni dubbachuu barbaachisu afaan keettaan; ani afaan keetii fi afaan isaa keessallee hin ta'a; waan gootanillee isin barsiisa. Inni waan keellee banii woliin dubbata; inni afaan sii ta'a; atillee isaaf akka Waaqaa taatee isa barsiifta. Ulee waan maalale'ee ittiin gootu tana harkatti qabadhuu deemi» jedheen. Muuseen gara Yootoorii soddaa ufii deebi'ee «Obboleewwan tiyya ta biyya Misirii jirtu mee haga adhaa ka lubbu'uun jirtuu kaan deemee laalaa na hoffolchi» jedheen; Yootoorillee hoffolcheenii «Nagayaan deemi» jedheen. Rabbi Muuse'een, «Miidiyaamiin keessatti namoonni lubbuu tee barbaadan maruu du'aniiranii deebi'ii gara biyya Misirii dhaqi» jedheen. Kanaafuu Muuseen haadha manaa ufiitii fi ijoollee ufii harree isaan yaabbisee gara biyya Misirii ulee Rabbii ta maalaleen irraan mudhatu fudhatee deeme. Rabbi Muuse'een «Hennaa gara biyya Misirii deebitu, maalalee ani harka keetitti hojjadhe maraa Fari'ooniin afo'otti godhuu hin irraanfatin; ani waan garaa isaa jabeessuuf innillee banii gad hin dhiisuu. Hennaa san Fari'ooniin akkana jetta, ‹Israa'el ilma kiyya ka hangafaati. Akka na waaqeffatu ilma kiyya gad naa dhiisi siin jedhee atillee waan gad dhiisuu diddeef ani ilma kee ka hangafaa si jalaa ajjeesa› jedha Rabbi jetta» jedheen. Achiin maayessa Muuseen uduu gara biyya Misirii deema'aaru hulee inni buletti Rabbi itti dhufee ajjeessu'uunii barbaade. Haati manaa isaa Siiphaaraan fiiddee cabbii fuutee mucaa ufii gadoomsitee coraa saniin luka isaa tuxxee «Ati idaayyicha kiyya ka dhiigaati» jetteen. Rabbillee hin araarameef; hennaa san «Waan gadooma saniitiif, ati idaayyicha kiyya ka dhiigaati» jette. Rabbi Aarooniin «Ka'iitii gammoojjii keessatti Muuse'etti dhaqi» jedheen; innillee deemee gaara Rabbii irratti Muuse'etti dhaqee dhungateen. Muuseen waan Rabbi isatti dubbatee fi dubbii inni itti hime maraa, waan inni isa ajajee fi maalalee maraa Aaroonitti hime. Kanaan maayessa Muuse'ee fi Aaroonillee deemanii jaarsota banii Israa'elii maraa wolitti qaban. Aaroonillee waan Rabbi Muuse'etti dubbate maraa himee, maalalee maraa banii afo'otti hojjate. Baniinillee hin amane; akka Rabbi ijoollee Israa'elii tooyatee rakkinna isaaniillee arge haga dhagayan gad jedhanii Rabbii sagadan. Achiin maayessa Muuse'ee fi Aaroon dhaqanii Far'ooniin «Rabbi Waandhi Israa'elii lafa gammoojji'ii keessatti akka ayyaana naa kabajjan banii kiyya gad dhiisi siin jedha» jedhaniin. Mootichi, «Rabbiin ani ajaja isaa dhagayee Israa'eliin gad dhiisuuf kun eennu? ani Rabbiin hin beeku; Israa'eliinillee gad hin dhiisu» jedhe. Muuse'ee fi Aaroonillee, «Waandhi Ibrootaa nutti dhufee dhibe'ee fi woraana akka gad nutti hin dhiifne karaa guyyaa sadihii deemnee akka ciincaa isaa dhiyeessinu si kadhanna» jedhaniin. Mootiin biyya Misiriillee, «Atii fi Aaroonillee maaf banii hujii hiissiftan? gara hujii keessanii deemaa'a» isaaniin jedhe Fari'oon, «Kunoo baniin amma lafa irratti baay'ateera; isin ammo hujii isaan hiissiftan» jedhe. Fari'oon gaafasuma bulchoota banii hojjachiisaniin «Isin akka armaan dura gootan san hujii dhoqqee faaraatii fi duraan buraa qara kennitaniif hin kennina'aafii isaanuu dhaqanii haa guuratanii. Hujii duraan hojjatan ka faaraa san irraa hin dhidhisinaa'a; waan hujii hifatanii deemnee Waaqa keennaa ciincaa dhiyeessina jedha'aa iyya'aaraniif. Hujii ulfaataa haa hojjatanii; waan duwwaa akka hin yaanne» jedhee isaan ajaje. Worri banii bulchanii fi hojjachiisan bayanii «Fari'oon buraa hin kennu; Isinumti hulee feetan dhaqa'aa wolitti qabaa'a; hujii keessan keessaa ammo womaa hin dhidhatin» isaaniin jedhan. Baniinillee buraa wolitti qabu'uuf biyya Misirii maraa keessa bittinnaayan. Worri isaan hojjachiisanillee akkuma hennaa duraa buraa isinii fidaniititti hujii keessan ka guyya guyya'aa fixaa'a jedha'aa isaan jarjarsan. Worri Fari'oonii hojjachiisan maaf akkuma asiin duraa kaleessaa fi adha faara laakkayame hin findhe? Jedha'aa worra Israa'eeliin irratti muudaman tuman. Bulchoonni ijoollee Israa'eliillee gara Fari'oonii dhaqanii «Garboota tee irratti maaf waan kana goota? ufii buraa nuu hin kennan; ufii hujii faaraa akka hojjannu nu ajajan; kunoo nu garboota tee hin tuma'aaran; miidhaan ammo banii kee irra gaya'aara» jedha'aa iyyan. Mootichi deebisee «Hujii hifattaniirtan; ‹Deemnee Waaqa keennaa ciincaa dhiyeessina› jettan. Amma deema'aa hojjadhaa'a; buraanillee isinii hin kennamuu, laakkobsa xuubi'ii ammo guutuu fiddan» isaaniin jedhan. Bulchoonni ijoollee Israa'elii hennaa guyya guyya'aan laakkobsa xuubi'ii uduu hin hanqifne fiddan jedhaniin akka dubbiin isaanitti hammaate beekan. Hennaa Fari'ooniin biraa bayan, ka Muuse'ee fi Aarooniin uduu diida dhaabatanii isaan eega'aaran arganii; «Isin Fari'oonii fi garboota isaanii afo'otti akka hafuura keenna jibban gootanii akka nu ajjeesan guraadee harka isaanii keettaniirtanii kana Rabbi isinitti haa argu; isinitti haa murteessu» isaaniin jedhan. Muuseen gara Rabbii deebi'ee «Gooftaa kiyya maaf banii kana irra rakkinna geessite? Maaf anallee ergite? haga akka ani maqaa keetiin waan ati naan jette mootii bira seenee himee asi, inni banii kana irra rakkinna guddaa geesseera; atillee banii kana harka isaa jalaa hin baafne» jedhe. Rabbi Muuse'een, «Irree kiyya jaba'aan banii kiyya gad isaan dhiisisiisa; mootichi Fari'oon irree kiyya jaba'aan mooyatamee gad isaan dhiisa» jedhe. Rabbi Muuse'een «Ani Rabbii (Yaahiwwee) waa maraa danda'u (El Shaadaayi) ka Abrahaam, Yisaaqii fi ka Yaaqoobitti mudhadhe; garuu maqaan kiyya isaanitti hin beekkamne ture. Biyya Kana'aanii ta itti baqatanii keessummummaa keessa taa'an san isaan dhaalchisu'uuf waadaa isaanii gale. Akkasuma ani booyicha ijoollee Israa'elii ka worri Misirii isaan boochise dhagayee; waadaa isaanii galellee yaadadhe. Kanaafuu ijoollee Israa'eliitiin «Ani Rabbi; garbummaa biyya Misirii jalaallee isin baasa; isaan faanshachuu jalaallee isin baasa; irree kiyya diriirsee murtii kiyya gudda'aan isin hambisa. Banii kiyya isin taasifadha; Waaqa isinii ta'a; ani Rabbii garbumma biyya Misirii jalaa isin baase akka ta'e hin beettan. Gara biyya Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobii hin kenna jedhee waadaa galetti isin galcha; biyyattii san ristii teessan taasisee isinii kenna; ani Rabbiin waan ta'eef» jedhe. Muuseen waan kana ijoollee Israa'eliititti hime; isaan ammo waan hujiin isaanitti guddatee nafti isaanii miidhameef dubbii isaa dhagawuu hin barbaanne. Ammallee Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Mootii biyya Misirii bira seeniitii akka inni ijoollee Israa'elii biyya Misiriitii akka isaan dhiisu itti himi» Muuseenillee Rabbiin, «Ka ijoolleen Israa'elii na hin dhageenne; attamitti mootichi Fari'oon na dhagaya? ani waan nama afaan cabaqu ta'eef» jedhee dubbate. Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin, «Akka isin binii Israa'elii masakkitanii biyya Misiriitii baaftan akka ani isin jaje; binii Israa'eliitii fi mootii biyya Misirii Fari'oonitti himaa'a» jedhee ajaje. Bulchoonni mana abbaa isaanii kanniin; ijoolleen Roobeelii ta ilma hangafaa ta Israa'elii Heenoon, Falus, Aasroonii fi Karmi'i; kunniin gosa Roobeeliiti. Ijoolleen Simooniillee Yimu'eel, Yaamiin, Ahaad, Yaakiin, Xohaarii fi Saa'ulii ilma Kana'aantitti'iiti; kunniin gosa Simooniiti. Maqaan ijoollee leewwi'ii akka gosa isaaniitiin Geedisoon, Qa'aatii fi Meeraariin fa'a; umuriin Leewwi'ii woggaa dhibba tokkoo fi soddomii torba ture. Ijoolleen Geedisoonii akka gosa isaaniitiin Loobeenii fi Saamee'iin fa'a. Ijoolleen Qa'aatiillee Inbaraam, Yisi'aar, Keebroonii fi Uuzi'eel fa'a; umuriin Qa'aatii woggaa dhibba tokkoo fi soddomii sadihi. Ijoolleen Meeraarii Moohoolii fi Musii fa'a; kunniin akka hortee isaaniitiin gosa Leewwi'iiti. Inbaraam mucattii eessuma ufii Yookaabiidiin fuudhe; isiin Aaroonii fi Muusee deetteef; umuriin Inbaraamii woggaa dhibba tokkoo fi soddomii torba ture. Ijoolleen Yitsaarii Qoree, Naafeegii fi Zikiriin fa'a. Ijoolleen Uuzi'eelii Misaa'eel, Eldaafaanii fi Sitirii fa'a. Aaroon mucattii Amnaadaabii obboleettii Na'aasoonii Eliisheebaa fuudhe; isiinillee Naadaab, Abiyood, Alaazarii fi Itaamiriin deetteef. Ijoolleen Qore'ee Aseer, Hilqaana'aa fi Abiyaasar fa'a; kunniin gosa ijoollee Qore'eeti. Alaazar ilmi Aaroonii ijoollee faati'eelii keessaa intala fuudhe; Isiinillee Finihaasiin deette; kunniin abbootaa fi bulchoota gosa Leewwi'iiti. Kunniin worra Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin «Banii Israa'elii akka gosa isaaniitiin biyya Misirii keessaa baasaa'a» jedhee ajaje. Worri mootii biyya Misiriitiin, «Banii Israa'elii gad dhiisi» jedhee itti dubbate isaan. Hennaa Rabbi biyya Misiriititti Muuse'etti dubbate waan kanatu ta'e; Rabbi Muuse'een «Ani Rabbi; waan ani sitti himu maraa mootii biyya Misirii Fari'oonitti himi» jedhee itti dubbate. Muuseen Rabbiin «Ani nama afaan cabaquu attamitti Fari'oon naa dhagaya» jedheen. Rabbi Muuse'een, «Ila ani Fari'ooniin irratti akka Waaqaa akka taatu si taasisa; obboleessi kee Aaroon raagaa sii ta'a. Waan ani sitti hime maraa ati isatti himta; obboleessi kee Aaroon akka Fari'oon ijoollee Israa'elii gad dhiisu isa woliin dubbata; garuu ani onnee Fari'oonii hin jabeessa; biyya Misiriititti maalale'ee fi baasa kiyya baay'eessa. Fari'oon ammo isinii hin dhagawu; ani irree kiyya biyya Misirii irra kaaya; isaan adabee banii kiyya ijoollee Israa'elii biyya Misiriitii baasa. worri biyya Misirii hennaa ani irree kiyya isaan irratti kaasee ijoollee Israa'elii isaan jiddu'uu baase, akka ani Rabbiin ta'e na beekan» jedhe. Muuse'ee fi Aaroon akkuma Rabbi isaan ajaje godhan. Hennaa Fari'oonitti dubbatan Muuseen nama woggaa saddeettamaa; Aaroon ammo nama woggaa saddeettamii sadihii ture. Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin «Yoo Fari'oon ‹Maalalee natti mudhisaa› isiniin jedhe; Aarooniin ulee tee fuudhiitii bofa akka taatu Fari'ooniin afoo buusi» jedheen. Kanaaf Muuse'ee fi Aaroon Fari'ooniin bira seenanii akkuma Rabbi isaan ajaje san godhan; Aaroon ulee ufii Fari'oonii fi garboota isaa afoo buufnaan uleen bofa taate. Kanaan maayessa Fari'oon ogeeyyi'ii fi worra mita hojjatan waame; mortuunii fi worri asmaa hojjatan ka biyya Misiriillee akkasuma godhan. Isaan maruu uleewwan ufii lafa buusan; ta isaaniillee bofa taate; uleen Aaroonii ammo uleewwan isaanii liqimsite. Akkuma Rabbi dubbate onneen Fari'oonii waan jabaateef isaanii hin dhageenne. Kanaan maayessa Rabbi Muuse'een «Onneen Fari'oonii waan jabaatteef banii gad dhiisuu didee kanaafuu obboro'oon ka'iitii gara Fari'oonii dhaqi; inni ka laga bu'eeru argitaa; ati laga bu'ii qarqara bisaanii dhaabadhuu ulee tee ta bofa taatee jijjiiramte san harkatti qabattee akkana jettaan, ‹Rabbi Waandhi Ibrootaa lafa gammoojji'ii keessatti akka na tajaajilan banii kiyya gad dhiisi jedhee gara kee na erge; ati ammo haga adhaa dhagayuu didde. Rabbi akkana jedha; «Akka ani Rabbiin ta'e kanaan beetta; ani ulee harkaa qabu tanaan bisaan lagaa kana dhaya; bisaanillee jijjiiramee dhiiga ta'a. Qurxummiin laga keessa jiran maruu hin dhuman; lannillee hin ajaaya; worri biyya Misirii bisaan woraabbatanii dhuguu jibban.› » jedheen. Rabbi Muuse'een, «Aaroon ulee ufii fudhatee laggiin, boyiiwwanii fi haroowwan maraa irra akka diriirsu itti himi; hennaa san bisaan maruu jijjiiramee dhiiga ta'a; meeshaan bisaan itti kuufamu ka dhaga'aa fi muka irraa hojjatame bisaan biyya Misiriititti argamu maruu uduu hin hafne dhiiga ta'aa» jedheen. Muuse'ee fi Aaroon akkuma Rabbi isaan ajaje godhan; Aaroon ulee ufii kaasee Fari'oonii fi garboota isaa afo'otti bisaan lagaa dhaye; bisaan lagaa maruu jijjiiramee dhiiga ta'e. Qurxummiin laga keessa jiran maruu hin dhuman; lannillee hin ajaaye; worri biyya Misirii bisaan lagaa dhuguu dadhaban; dhiinni biyya Misirii maraa irra ture. Mortoonni biyya Misiriillee asmaa ufiitiin akkasuma godhan; akkuma Rabbi dubbate onneen Fari'oonii jabaatee isaan dhagawuu dide. Fari'oon deebi'ee gara mana ufii gale; waan kana womattuu hin laakkofne. Baniin biyya Misirii maruu bisaan lagaa waan dhuguu dadhabaniif laga san biratti bisaan dhugan baafachu'uuf boolla qotan. Haga Rabbi bisaan lagaa dhayeen maayessa guyyaan torba raawwatame. Kanaan maayessa Rabbi Muuse'een «Gara Fari'oonii dhaqiitii ‹Akka na tajaajilan banii kiyya gad dhiisi siin jedha Rabbi; yoo gad dhiisuu didde ammo biyya tee maraa irratti raacha gad dhiisa. Lannillee raacha dhala; raachanillee yaa'anii gara mana keetii, gara hulee ati bultuu, gara siree teetii, gara mana garboota teetii, gara banii keetii, meeshaa waa itti nyaatanii fi itti bilcheeffatanitti seenan; raachan maruu si'i, banii keetii fi garboota kee maraa irra yaa'an.› » jedheen. Rabbi Muuse'een, «Aarooniin ulee tee fudhadhuutii lagaa fi burqaa bisaanii, hulee bisaan itti kuufamu irra harka kee diriirsii raachan biyya Misirii maraa irratti yaa'aa jedhi» jedheen. Kanaafuu Aaroonillee bisaan biyya Misirii maraa irratti harka ufii diriirse; Raachanillee yaa'anii biyya Misirii maraa irra garagalan. Worri asmaa hojjatuu fi morullee akkasuma godhan; biyya Misirii maraa irra raacha yaasan. Fari'oon Muuse'ee fi Aarooniin waamee akka Rabbi naa fi banii kiyya irraa raacha kaasu Rabbiin naa kadhadhaa'a; banii keessan Rabbii akka ciincaa dhiyeessan gad dhiisaa» isaaniin jedhe. Muuseenillee Fari'ooniin «Akka raachan mana keetii badan, laga keessatti akka hafan si'ii fi garboota keetii, banii keetiifillee yoom akka Rabbiin sii kadhannu nutti himi» jedheen. Innillee, «Boru» jedheen. Muuseenillee, «Rabbiin Waaqa keenna fakkaatu akka hin jirre akka beettu akkuma jecha keetii haa ta'u. Raachanillee si biraa, mana keetii, ka garboota keetiitii fi banii kee biraa hin deeman; laga keessatti hafan» jedheen. Muuse'ee fi Aaroon Fari'ooniin biraa bayanii deeman; Muuseen akka Rabbi raachan mana Fari'ooniitii baasuuf Rabbiin kadhate. Rabbillee akkuma Muuseen kadhate san godhe; raachanillee bakkuma jiran marattuu dhumanii, akka tuula'aatitti wolitti qaban; laftillee hin ajoofte. Fari'oon akka raachi dhume haga arge garaa jabaatee waan Rabbi isatti dubbate hin dhageenne. Rabbi Muuse'een, «Aarooniin ulee tee fuudhiitii daaraa lafaa dhayi; akka daaraan biyya Misirii maraa irratti bookee nama iddu ta'u jedhiin» jedhe. Isaanillee akkasuma godhan; Aaroon harka ufii ol fudhatee ulee ufiitiin daaraa lafaa dhoofnaan sa'aa nama irratti daaraan biyya Misirii maruu bookee nama iddutti jijjiirame. Worri asmaa hojjatuu fi worri moru baasuu yaalan; garuu baasuu hin dandeenne; bookeen nama iddu sa'aa nama irra yaa'e; Worri moru Fari'ooniin «Kun hujii Rabbiiti!» jedhaniin; onneen Fari'oonii ammo hin jabaatte; waan Rabbi jedheen hin dhageenne. Rabbi Muuse'een, «Fari'oon obboro'oon ka'ee laga bu'aa isa afoo dhaabadhuu; Rabbi akkana jedha; ‹Akka na tajaajilan banii kiyya gad dhiisi; Yoo banii kiyya gad dhiisuu didde ammo si'ii fi garboota kee, bani'ii fi mana kee maraa irrattuu qarxaasaa nama iddu gad dhiisa; manniin biyya Misiriitii fi lafa isaanii maraa qarxaasa'atu guuta. Guyyama san ani Rabbiin akka ta'e akka beettu lafa Geersaamii ta baniin kiyya irra jiraatu akka qarxaasaan irra hin jiraanne adda fooya. Banii kiyyaa fi banii kee gara gara fooya; maalaleen kun boruma ta'a.› » Rabbillee akkasuma godhe; mana Fari'ooniitii fi mana garboota isaa maraa keessa qarxaasa'atu nam'e; biyyi Misirii maruu sababaa qarxaasa'aatiif bade. Kanaan maayessa Fari'oon Muuse'ee fi Aarooniin waamee «Deema'aatii biyyuma tana keessatti ciincaa Waaqa keessanii dhiyeessaa'a» isaaniin jedhe. Muuseen, «Rabbii Waaqa keennaa ciincaa biyya Misirii kana keessatti dhiyeessuun nu hin barbaachisu; worri biyya Misirii waan nu ciinceessinu akka batti'iitiitti waan laalaniif yoo nu waan isaan akka batti'iititti laalan kana biyya Misiriititti isaan afo'otti ciincessine isaan nuun hin lolanii? Nu'u Rabbii Waaqa keennaa ciincaa dhiyeessu'uuf akkuma Rabbi Waandhi keenna nu ajaje deemsa guyyaa sadihii gara lafa gammoojji'ii deemna» jedhe. Fari'oonillee, «Rabbii Waaqa keessanii akka lafa gammoojji'iititti ciincaa dhiyeessitan gad isin dhiisaa; garuu fagaattanii hin deeminaa'a; Waaqa naa kadhadhaa'a» jedhe. Muuseenillee, ‹Kunoo ani si biraa deema; qarxaasaan Fari'ooniin biraa, garboota isaatii fi banii isaa maraa irraa boru akka deeman Rabbiin kadhadha; garuu akka baniin Rabbii ciincaa hin dhiyeessine ammallee deebitee nu hin sobin» jedheen. Muuseen Fari'ooniin biraa bayee Rabbiin kadhate; Rabbillee akkuma Muuseen kadhate qarxaasaa Fari'ooniin biraa, garbootaa fi banii isaa maraa irraa tokko uduu hin hafne kaase; Rabbillee akkuma Muuseen jedhe godhe. Yoma san Fari'oon onnee ufii jabeeffate; baniillee gad dhiisuu dide. Rabbi Muuse'een, «Gara Fari'oonii dhaqiitii ‹Rabbi Waandhi Ibrootaa akka na tajaajilaniif banii kiyya gad dhiisi siin jedha› jedhiin» jedheen. Yoo gad dhiisuu diddee isaan uf biratti qabde; irreen Rabbii loowwan kee maraa, sa'oolee, faradoo, harriin, gaallan, sangootaa fi hoolota irratti balaa gudda'atu bu'a. Rabbi horii biyya Misiriitii fi horii worra Israa'elii gara gara fooya; horii ijoollee Israa'elii keessaa tokkollee hin du'u. Rabbi boru waan kana hin godha jedhee murteesse› » Rabbi waan kana bariisama san godhe; horiin biyya Misirii maruu hin dhume; horii ijoollee Israa'elii keessaa ammo tokkollee hin duune. Fari'oon nama ergee ijoollee Israa'elii keessaa horiin tokkollee akka hin duune dhagayee onnee jabeeffatee banii gad dhiisuu dide. Kanaan maayessa Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin «Ganaa harka keessaniitiin daaraa ibiddaa hammaara'aatii Muuseen Fari'ooniin afo'otti gara Sami'ii haa bittinneessuu. Innillee biyya Misirii maraa irratti daaraa bullaayaa ta'ee biyya Misirii maraa keessatti sa'aa nama irratti madaa badaa ta'a» jedheen. Isaanillee daaraa ibiddaa hammaaranii Fari'ooniin afoo dhaabatan; Muuseen daaraa ibiddaa san gara Sami'ii bittinneessinaan sa'aa nama irrattillee madaa badaa ta'e. Worri morulle waan nafti isaanii madaayeef Muusee afoo dhaabachuu hin dandeenne waan madaan banii biyya Misiriitii fi worra mortootaa irra jiruuf; Rabbi onnee Fari'oonii waan jabeesseef waan Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin jedhe hin dhageenne. Achiin maayessa Rabbi Muuse'een; «Ganamaan ka'ii Fari'ooniin afoo dhaabadhuutii ‹Rabbi Waandhi Ibrootaa akkana jedha› akka na tajaajilan banii kiyya gad dhiisi; Lafa marattuu Waandhi akka kiyyaa akka hin jirre akka beettu si'i, garboota teetii fi banii kee maraa irratti amma badii erga. Amma silaa harka kiyya diriirsee si'ii fi banii keellee lafa irraa dhaya ture. Garuu ani hunna kiyya si irratti mudhisu'uuf akka maqaan kiyya lafa maraa irratti waamamuuf si jiraachise. Ati ammo banii kiyya gad dhiisuu diddee irratti uf jajja. Kunoo ani boru hennaa akkanaa kana waan haga Ardiin tun uumamte irraa jalqabee haga adhaa biyya Misirii irratti ta'ee hin beenne baradaa guddaa si irratti roobsa. Sa'aa nama raasaa jiru maraa irratti baradaan bu'ee dhumanii amma nama ergiitii loowwanii fi waan raasa'aa qabdu maraa ariifachiisii manatti galchi jedhi› » jedheen. Garboota Fari'oonii keessaa namni jecha Rabbii sodaate loowwan isaatii fi garboota isaa gara manaa galche. Worri jecha Rabbii hin dhageenne ammo garbootaa fi loowwan ufii raasa'atti dhiisan. Achiin maayessa Rabbii Muuse'een «Sa'aa nama biyya Misirii, midhaan maasa'aa maraa irratti akka baradaan bu'u harka kee gara Sami'ii ol diriirsi» jedheen. Kanaafuu Muuseen ulee ufii gara Sami'ii ol qabe; Rabbi gigissaa keessaan baradaa gad dhiise; ibiddillee Sami'ii bu'e; Rabbi biyya Misirii irratti baradaa roobse. Baradaa keessaan ibiddi bobaya'aa ture; baradaan akkasii sun seenaa biyya Misirii keessatti mudhatee hin beeku. Baradaan sunillee waan raasaa biyya Misirii keessa jiru maraa fi sa'aa namallee hin dhaye; baradaan sun midhaan maasa'aa mara dhayee muka biyya sanii maraa caccabse. Biyya Geeseemii ta ijoolleen Israa'elii keessa teettu calla'atti baradaan hin buune. Fari'oon Muuse'ee fi Aarooniin nama itti ergee waamsisee «Amma ani yakkeera; Rabbi Waaqa dhuga'aati; anaa fi banii kiyyatu cubbama'a. Gigissaanii fi baradaan Sami'ii waan baay'ateef Rabbiin naa kadhadhaa gad isin dhiisaa; ammaa achi as hin teettanii» isaaniin jedhe. Muuseen mootichaan, «Yoo qachaa tana keessaa baye; harka kiyya gara Rabbii badhisa; akka ati lafti ta Rabbii taate beettu gigissaan hin dhaabata; baradaanillee hin bu'u. Garuu atii fi garboonni teellee Rabbiin Waaqa akka hin sodaanne ani hin beeka» jedheen. Garbu'uu fi talbaa biilellee hin balleesse. Qamadi'ii fi Hayisaa ammo hennaan isaa waan hin geenneef barada'aan hin dhayamne. Muuseen Fari'ooniin biraa gara qacha'aa bayee harka ufii gara Rabbii badhifnaan gigissaanii fi bardaan dhaabate; roobnillee hin caame. Fari'oon roobni akka caame, gigissaanii fi baradaan akka dhaabate arginaan, ta qaraa caalaa garaa jabaate; inninii fi garboonni isaallee garaa jabaatan. Garaan Fari'oonii waan jabaateef akka Rabbi Muuse'een isatti dubbatetti inni ijoollee Israa'elii gad hin dhiifne. Kanaafuu Muuseenii fi Aaroon Fari'ooniin bira seenanii «Rabbi Waandhi Ibrootaa ‹Ati haga yoomii ajaja kiyya fudhachuu didda? banii kiyya akka na tajaajilu gad dhiisi; Yoo banii kiyya gad dhiisuu didde ammo ani boru biyya kee irratti tuuta awwaannisaa gad dhiisa. Innillee lafa dhossa; laftillee hin mudhattu; midhaan baradaa irraa hafe awwaannifni nyaatee fixa; muka keessan ka maasaa keessatti marge maraa isin jalaa nyaatee fixa. Manniin keellee, manniin garboota teetii maraa fi manniin worra biyya Misirii maraa awwaannifni keessa guuta; wonti kun waan abboonni abboota teessanii urga dhalatan irraa jalqabanii hin arginetu ta'a» jedhanii Fari'ooniin biraa bayan. Garboonni Fari'oonii, «Namni kun haga yoomii gufuu nutti ta'a? namoonni akka Rabbii Waaqa ufii tajaajilan gad isaan dhiisi; akka biyyi Misirii bada'aartu arga'aa hin jirtuu?» Jedhaniin. Kanaafuu Fari'oon Muuse'ee fi Aarooniin deebi'ee waamsisee «Deema'aa Waaqa keessan tajaajilaa'a; garuu namoonni deeman eennuun fa'a?» isaaniin jedhe. Muuseen, «Nutu deema; waan Rabbiin ayyaanteffannuuf didiqqa'aa fi gugurdaan, jaarsonni teenna, ijoolleen teenna ta dhiiraatii fi ta intalaa, hoolonninii fi loowwan keennallee nu woliin deeman» Jedheen. Fari'oon «Isinii fi ijoollee teessanillee Rabbi isin woliin haa ta'u; garuu didda'aaf akka karoorfattan beekeera; isin firri isaa yookaan jaalalloon isaa isa tajaajiluu waan barbaaddaniif deema'aa Rabbiin tajaajilaa'a» isaaniin jedhee Fari'oon uf afo'oo isaan ari'e. Rabbi Muuse'een, «Akka awwaannifni biyya Misirii irratti quphatee marga baradaa irraa hafe maraa nyaatu akka awwaannifni biyya Misirii maraa irratti dhufu harka kee biyya Misirii irratti diriirsi» jedhe. Kanaaf Muuseenillee biyya Misirii irratti ulee ufii diriirse; Rabbi halkan san qilleensa bariisa'aa halkan guutuu akka bubbisu godhe; hennaa bariite qilleensi baya biiftu'uu irraa bubbisee awwaannisa fide. Awwaannifni guutuma biyya Misirii keessa yaa'e; haga daangaa biyya Misirii maraa irratti quphatan isaanillee guddisanii baay'ee turan; awwaannifni akkasii achiin dura hin turre; asiin maayessallee hin jiraatu. Guutumaan guutu'utti lafa dhossan; biyyiti hin dukkanoofte; waan biyyattii keessatti marge ka baradaa irraa hafe maraa mukaa fi daraaraallee hin nyaatan; wonti jiidhaan biyya Misirii maraa keessatti munninii fi margillee hin hafne. Fari'oon Muuse'ee fi Aarooniin daddafee waamee «Ani isinii fi Rabbii Waaqa keessan yakkeera; amma balleessaan kiyya; tanuma callaa naa dhiisaa'a; akka adabbii guddaa kana na irraa kaasu Rabbii Waaqa keessan naa kadhadhaa'a» isaaniin jedhe. Muuseenillee Fari'ooniin afo'oo bayee Rabbiin kadhate. Rabbillee bubbee dhiya adu'uutii fidee awwaannisa bubbee saniin fuudhee galaana diima'atti gate; awwaannifni tokkollee daangaa biyya Misirii maraa keessatti hin hafne. Rabbi garaa Fari'oonii waan jabeesseef ijoollee Israa'elii gad hin dhiifne. Kanaan maayessa Rabbi Muuse'een «Harka kee gara Sami'ii badhis dukkanti jimiin eennullee arguu hin dandeenne worra Misirii irratti haa ta'uu» jedhe. Muuseenillee harka ufii gara Sami'ii badhifnaan dukkanti jimiin guyyaa sadihiif worra Misiriititti bu'e. Eennullee obboleessa ufii arguu hin dandeenne; guyyaa sadihiif eennulle hulee ufiitii hin kaane; ijoolleen Israa'elii maruu ammo hulema taa'anitti ifa qaban ture. Fari'oon Muusee waamee, «Deema'aa Rabbiin tajaajilaa'a; garuu hoolotaa fi horii keessan dhiisaa'a; ijoolleen teessan ammo isin woliin haa deemanii» jedheen. Muuseen, «Ati ciincaa Rabbii Waaqa keennaa ciincessinu nuu kennitaa? Rabbii Waaqa keenna tajaajilu'uuf horiin keenna nu woliin deema; qeensi tokkolle asitti hin hafu; Waaqa keenna haga achi geennuuf hennaa meeqa akka tajaajillu hin beennu» Jedhe. Rabbi waan garaa Fari'oonii jabeesseef Fari'oon gad isaan dhiisuu hin feene. Fari'oon, «Narraa deemi! yoo fuula kiyya afoo deebitee dhaabatte akka duutu beeki; lamuu fuula kee arguu hin barbaadu» jedheen. Muuseenillee, «Akkuma ati jette haa ta'uu; fuula kee deebi'ee hin argu» jedhe. Kanaan maayessa Rabbi Muuse'een, «Fari'oonii fi biyya Misirii irratti balaa tokko callaa fida; achiin maayessa hennaa gad isin dhiisu ariisa'aan isin baasa; baniin Israa'elii ammallee dhiirtinii fi dubartiin ollaa ufii irraa mi'a worqi'iitii fi ka birri'ii akka fudhatan bani'itti himi» jedheen. Rabbi Muuse'ee banii biyya Misirii maraa afo'otti gaachena kenneef; Muuseen garboota Fari'oonii afo'otti guddisee nama kabajjamaa ta'e. Muuseen Fari'ooniin, « Rabbi ‹Ani halkan wodhakkaa banii jidduu lufa; hangafni biyya Misirii keessa jiru maruu, ilma hangafaa ka mooticha Fari'oonii irraa jalqabee haga ilma hangafaa ka garbittii dhagaa daattuu, ka horiin goromumma'aan dhale maruu hin dhuma; booya tanaan dura biyya Misirii maraa keessatti ta'ee hin beennee fi ka ammaa achillee hin taanetu ta'a. Rabbi ammo worra Israa'eliitii fi worra biyya Misirii jiddu'utti garaagarummaan akka beekkamuuf namaa fi horii isaaniititti sareenillee hin duttu.› » Muuseen, «Garboonni kee kunniin maruu gara kiyya dhufanii banii kee fudhadhuu deemi jedha'aa na kadhata'aa naa sagadan» jedheenii aaree bobayee Fari'ooniin biraa baye. Rabbi Muuse'een, «Haga Maalaleen biyya Misiriititti baay'attutti isinii hin dhagawu» jedheen. Muuseenii fi Aaroon maalalee kanniin maraa Fari'ooniin afo'otti godhan; Rabbi garaa Fari'oonii waan jabeesseef ijoolleen Israa'elii biyya san gad hin dhiifne. Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin biyya Misirii keessatti; «Jiini kun jalqaba ji'oota maraa isinii haa ta'u; jiini kun ji'a jalqaba wogga'aa isinii haa ta'u. Ijoollee Israa'elii marattuu himaa'a; ji'a kana keessa guyyaa kudhaneesso'ootitti namni maruu mana abbaa ufiitiif korbeessa tokko akka laakkobsa maati'iitiin haa fiduu; inninii fi ollaan isaallee akkuma laakkobsa isaaniitiin korbeessa tokko tokko haa fidanii; martinuu haguma nyaachuu danda'u haa qoodamuu. Korbeessi keessan hoolaa yookaan re'ee keessaa ka mudaa hin qabnee fi ka woggaa tokkoo haa ta'uu. Ji'a kana haga guyyaa kudha afurii haa eeganii; gumiin banii Israa'elii maruu yoo galgalaaye haa qalanii. Dhiiga fuudhanii balbalaa fi qasatoo mana waa itti nyaata'aaran maraa haa dibanii. Foon ibiddaan woddamee fi xoroshoollee halkanuma san baala hadhaayaa san woliin haa nyaatanii; Foon dheedhi'ii fi ka bisaaniin affeelame hin nyaatinaa'a; foon mata'aa, ka many'e'eetii fi mi'a gara'aa maraa wodda'aa nyaadhaa'a. Kanniin keessaa haga ganamaatitti nyaadha'aa fixa'aatii waan hafe ammo ibiddaan gubaa'a. Yoo nyaattan mudhii keessan hidhadhaa'a; kophee keessan godhadhaa'a; ulee teessan harkatti qabadha'aa ariiti'iin nyaadhaa'a; kun Ayyaana faasika'aa ka ana Rabbiin itti kabajjitan isinii haa ta'u. «Ani halkanuma san biyya Misirii maraa keessa lufee hangafa sa'aa namaa ka biyya Misirii maraa ajjeesee waaqolee tolfamaa biyya Misirii maraa adaba; ani Rabbiin waan ta'eef; manni dhiinni irra jiru maruu malkata isinii ta'a; ani mana dhiiga irratti arge maraa bira lufa; hennaa ani biyya Misirii dhawu balaan isin hin tuqu. Guyyaan kun guyyaa itti na qaabattan haa ta'uu; guyyaa Rabbiin ayyaanteffattan isinii haa ta'uu; ayyaanni kun ilmaan ilmaan teessaniitiif seera isinii haa ta'uu» isaaniin jedhe. Guyyaa torbaa xoroshoo nyaattan; guyyaa jalqabaatitti raacitii mana keessanii baasaa'a; guyyaa jalqabaatii haga guyyaa torbeesso'oo namni xoroshoo raacitii uf keessaa qabu nyaate banii Israa'elii irraa fooyamee haa baduu. Guyyaa jalqabaatii jalqabee haga guyyaa torbeesso'oo wol gayii qulqulluu isinii haa ta'u; guyyoota kanniinitti waan nyaataa malee womaa hin hojjattan; kanuma gootan. guyyaa kana banii keessan biyya Misiriitii waan baaseeruuf, ayyaana xorosho'oo kana eegaa'a; eeganaa guyyaa kana ijoollee ijoollee teessaniitii seera bara baraa akka ta'uuf eeddan. Ji'a jalqabaa guyyaa kudha arfeesso'oo galgala irraa jalqabee haga jalqaba guyyaa diddamii tokkoo xoroshoo nyaattan; guyyaa torbaaf mana keessan keessatti raacitiin hin argamin; namni xoroshoo raacitii qabu nyaatu, namni namatti galee jiraatullee dhalataa biyyaa banii Israa'elii irraa fooyamee haa baduu. Waan raacitii uf keessaa qabu kamuu hin nyaatinaa'a; mana keessan marattuu xoroshoma nyaadhaa'a» isaaniin jedhe. Muuseen jaarsota Israa'elii waamee, «Mana keessan maraayyuu korbeessa filadha'aatii ayyaana faasika'aatiif qalaa'a. Baala hisoophi'ii qabaa tokko fuudha'aa dhiiga meeshaa keessa jirutti cuupha'aatii balbalaa fi qasatoo lamaanitti dibaa'a; isin keessaa eennullee haga bariituuf diida hin bayin. Rabbi banii biyya Misirii dhawu'uuf waan bayuuf hennaa dhiiga balbalaa fi qasatoo lamaan irratti arge, Rabbi balbala irra lufa; akka balaan mana isin hin seenne dhoogga; Isin seera kana ufii fi ijoollee teessanii seera baraa haga bara baraa gootanii eeddan. Isin hennaa biyya Rabbi isinii kennu'uuf isinitti himetti galtan seera kana eegaa'a. Yoo ijoolleen teessan ‹Seerri kun maali'i?› jedhanii isin gaafatan; isin ‹Hennaa Rabbi biyya Misirii bala'aan dhaye malkanni Rabbi mana keenna balaa jalaa hambiseen ciincaa faasika'aa kanaan› isaaniin jettan; baniinillee hennaa kana dhagayan gad jedhanii sagadan. Ijoolleen Israa'eliillee deemanii akkuma Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin ajaje godhan. Rabbi halkan qixxee ilma mooticha Fari'oonii teessoo irra taa'ee irraa jalqabee hangafa worra mana hidha'aa keessaa, haga ijoollee hangafaa worra booji'amanii, hangafa worra biyya Misirii maraa haga hangafa horiin goromumma'aan dhalee mara fixe. Fari'oonii fi garboonni isaa maruu worri biyya Misirii maruu halkaniin yoo ka'an manni namni keessaa hin duune waan hin jirreef biyya Misirii maraa irratti booya guddaa booyan. Fari'oon Muuse'ee fi Aarooniin halkanuma san waamee, «Isin ijoolleen Israa'elii banii kiyya keessaa baya'aa deemaa'a; akka ani ijaan isin hin argine deema'aa Rabbii keessan tajaajilaa'a. Akkuma jettan gobbuu keessanii fi horii keessan fudhadha'aa deemaa'a; ana ammo eebbisaa'a» jedhe. Worri biyya Misirii «Akka baniin Israa'elii biyya san keessaa ariiti'iin bayaniif isaan jarjarsa'aa turan; isaan maruu waan dhuma'aaran waan isaanitti fakkaateef» baniin dukkuussiin isaanii uduu hin bukoofne fuudhanii keree isaaniillee uffata ufiitiin maranii gurmuu ufiititti baadhatan. Ijoolleen Israa'elii akkuma Muuseen isaan ajaje godhan; worra biyya Misirii irraa birrii, meeshaa worqi'iitii fi uffata kadhatan. Rabbillee banii Israa'eliitii banii biyya Misirii afo'otti waan isaan barbaadan akka isaanii kennaniif gaachena isaanii ta'e; isaanillee waan isaan qaban maraa saamanii deeman. Ijoolleen Israa'elii Raamse'ee ka'anii gara Suukootii hennaa deeman daa'immaniin ala haga namoota kuma dhibba jahaa turan. Akkasuma ka biraallee baniin wol maka'aa baay'e'e, tinni hori'iillee baay'e'etu isaan woliin yaa'e. baniin dukkuussii ufii ka biyya Misiriitii qabatanii bayaniin ka hin bukoofne bixilee xorosho'oo bilcheeffatan; worri biyya Misirii waan isaan jarjarsaniif dhalee qopheeffachuu hin dandeenne. Ijoolleen Israa'elii biyya Misirii keessa woggaa dhibba afurii fi soddoma jiraatan. Haga woggaan dhibba afurii fi soddomaa dhumeen maayessa baniin Rabbii maruu guyyaa san biyya Misirii keessaa bayan; galgalli sun galgala gaafa Rabbi biyya Misiriitii isaan baase waan ta'eef guyyaan guyyaa Rabbiiti; halkan sun ijoollee Israa'elii maraa biratti haga ijoollee ijoollee isaaniititti guyyaa Rabbiif woyyoome. Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin, «Kun seera ayyaana faasika'aati; kana irraa namni nyaaphaa akka hin nyaanne. Garbichi hori'iin bitame yoo jiraate haga gadoomeen maayessa haa nyaatuu. Namni namatti galee jiraatuu fi hojjataan guyya'aa ammo akka hin nyaanne. Mana tokko keessatti haa nyaatanii; mana keessaa foon tokkollee gara diidaa hin baasinaa'a; lafeellee hin caccabsinaa'a. Gumiin Israa'elii maruu akkasuma haa godhanii; garuu namni galaan isin jidduu jiraatee ayyaana faasikaa Rabbii godhuu yoo barbaade dura dhiirti maruu haa gadoomanii, achiin maayessa haa qaluu, innillee akka mucaa biyya sanii ta'a; ka hin gadoomne ammo achi irraa akka hin nyaanne. Ka dhalataa biyya sanii hin taane galaa isin keessa jiraatuu kun seera tokko» isaaniin jedhe. Ijoolleen Israa'elii maruu akkuma Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin ajaje godhan. Gaafa san Rabbi banii Israa'elii maraa addaan qoqqoodee biyya Misiriitii baase. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Israa'elii nama irraa haga hori'ii ka hangafa dhalate maruu kiyya waan ta'eef naa woyyoomsi» Muuseen bani'iin, «Guyyaa Rabbi garbummaa biyya Misiriitii isin baase yaadadhaa'a; Rabbi waan irree ufii jaba'aan isin baaseeruuf guyyaa san waan bukaaye hin nyaatinaa'a. Isin adha ji'a Abiibii keessa guyyaa kana waan baataniirtaniif. Rabbi gara biyya isinii kennu'uuf waadaa galee gara lafa aannanii fi damma baaftuu gara biyya Kana'aanotaa, gara Keexotaa, gara Amoorotaa, gara Ewotaatii fi gara Iyyaabusootaatitti hennaa galtan ji'a kana keessa waaqeffannaa lafa tana irratti waaqeffadhaa'a. Guyyaa torbaa xoroshoo raacitii hin qabne nyaattan; guyyaan torbeesso'oo ayyaana Rabbiiti. Haga guyyaa torbaa xoroshoo nyaattan; si biratti wonti bukaaye akka hin argamne; si biratti raacitiin hin argamin. Guyyaan kun guyyaa Rabbi biyya Misiriitii nu baase jettee ijoollee teetitti himta. Rabbi biyya Misirii keessaa irree jaba'aan waan isin baaseef seerri Rabbii afaan keessan keessaa hin dhabamin, harka kee irrattillee akka malkata hidhamee, ija tee afo'otti akka yaadanno'oo sii haa ta'uu. Kanaafuu ayyaana kana Wogga wogga'aan hennaa murtaayetti kabajjuun seera keessan isinii haa ta'uu. «Akkuma Rabbi si'ii fi abboota teetii waadaa gale gara biyya Kana'aanotaa yoo galte hennaa inni lafa san sii kenne, ilma hangafa dhalate maraa Rabbiif adda fooyi; horii kee maraa keessaa kormaan dura dhalate maruu ka Rabbii waan ta'eef. Ka harreen dura dhaltellee korbeessaan oolchita; yoo oolchuu baatte ammo morma isaa mitigii cabsi; hangafa namaa maraa ijoollee kee keessaa hin furta. Achiin maayessa ilmi kee, ‹Wonti kun maali'i?› jedhee yoo si gaafate, akkana jettaan. «Rabbi irree ufii jaba'aan garbummaa biyya Misirii jalaa nu baase; inni nu dhiisuu didda'aaf garaa ufii jabeeffannaan Rabbi hangafa sa'aa namaa ka biyya Misirii maraa fixe; kanaaf namaa fi horii hangafa dhalate maraa Rabbii kenna; ijoollee hangafaa maraa Rabbiif kenna. Rabbi waan irree ufii jaba'aan biyya Misirii keessaa nu baaseef harka kee irratti malkata, ija tee afo'otti akka yaadanno'oo sii haa ta'uu» Hennaa Fari'oon banii gad dhiise, hagamillee yoo lafti dhiyoo taate, karaa biyya Filisxeemootaatiin akka deeman hin goone; akka baniin hennaa duula Filisxeemootaa arge gaabbee gara biyya Misirii hin deebineef. Garuu Rabbi banii ufii karaa gammoojjii galaana diima'aatiin isaan deemsise baniin Israa'elii biyya Misirii keessaa hiriiraan yaa'an. Yooseef, «Rabbi isin tooyachuu hin hafu; kanaafuu lafee tiyya biyya tanaa fuutanii deemtaniin» jedhee waan kaku'uun waadaa isaan galcheef Muuseen lafee isaa fuudhee baye. Suukootii ka'anii karaa gammoojji'iitiin Eetaamitti quphatan. Akka halkanii fi guyyaa deeman karaa isaanitti mudhisu'uuf guyyaa utubaa duumessaatiin, halkan utubaa ibiddaatiin Rabbi afoo isaanii deeme; Guyyaa utubaa duumessaatiin, halkan utubaa ibiddaatiin banii afo'oo hin gorre. Kanaan maayessa Rabbi Muuse'een akkana jedhe; «Deebi'anii Megidoonii fi galaana jidduu, Ba'aalzaafoonii fi Fihaahirootiin afo'otti akka quphatan ijoollee Israa'eliititti himi; Fari'oon ijoolleen Israa'elii yootana lafa gammoojji'ii keessatti karaan itti cufamee jaanjuranii waan lafa mara'aaran itti fakkaata. Ani garaa Fari'oonii waan jabeessuuf inni isaan hordofa; kanaafuu ani Fari'oonii fi loltoota isaa maraa irratti ulfinna argadha; yoo san worri biyya Misiriillee akka ani Rabbiin ta'e beekan» worri Israa'eliillee akkuma isaanitti himame godhan. Akka baniin baqate mootii biyya Misiriititti himnaan Fari'oonii fi garboonni Fari'oonii yaada ufii jijjiiratanii «Baniin kun akka nu tajaajilu uduu gad isaan dhiisuu baannee?» jedhan. Mootichi konkolaataa fardaan harkifamu qopheeffatee loltoota ufii hiriirse. Konkolaataa fardaa ka filataman dhibba jaha, faradoo biyya Misirii maraa, konkolaataa fardaa maraafuu ajajoota loltootaa ramadeef; Rabbi garaa Fari'oonii hin jabeesse, innillee banii Israa'elii hordofe; ijoolleen Israa'elii garuu irree Rabbii jaba'aan bayan. Worri biyya Misirii, faradoon Fari'oonii, konkolaataawwan fardaa ka Fari'oonii, loltoonni fardaan lolan maruu ijoollee Israa'elii ari'an; worri Israa'elii garuu qarqara galaanaa bira afoo Ba'aalzaafooniitii fi Fihaahirootiin biratti ka quphataniiran isaan dhaqqaban. Hennaa Fari'oon gara isaanii dhiyaate, baniin Israa'elii ol jedhanii yoo uf duuba midhatan worri biyya Misirii ka isaan hordofanii dhufan argan; hennaa san baniin Israa'elii guddisanii sodaatanii gara Rabbii iyyan. Muuse'een ammo, «Akka waan biyya Misiriititti huleen awwaalaa hin jirree gammoojjii keessatti haa dhumnu'uuf nu baaftee? maaf nu baafte? Lafa gammoojji'ii keessatti ka rakkanne irra isaanii garboomuu nuu woyyaa nu dhiisi wonti jenneef kanaafii mii?» jedhaniin. Muuseenillee bani'iin, «Hin sodaatinaa'a! worra biyya Misirii ka adha arga'aartan kanniin baraa haga bara baraa lamuu hin argitanii jabaadha'aa dhaabadhaa'a; akka Rabbi itti isin hambisullee dhaabadha'aa laalaa'a. Rabbi waan isinii loluuf isin cadhaa'a» isaaniin jedhe. Rabbi Muuse'een, «Maaf natti iyyita? baniin Israa'elii akka deemu isaanitti himi. Ati ammo ulee tee ol kaasii harka kee gara galaanaa diriirsii galaana gargar qoodi baniin Israa'elii galaana wodhakkaa lafa gogaa irra haa deemanii. Ani garaa banii biyya Misirii hin jabeessa; isaanillee isaan faanaa bu'an; ani Fari'oonii fi loltoota Fari'oonii worra farda yaabbatanii fi konkolaataa fardaa maraa irratti ulfinna argadha. Hennaa ani biyya Misirii, Fari'ooniin, worra konkolaataa fardaa yaabbatanii fi worra faradoo yaabbatan irratti ulfinna argadhe akka ani Rabbiin ta'e beekan. Maleekkaan Rabbii ka qara banii Israa'elii afoo deema'aa ture uf duuba deebi'e; utubaan duumessaa ka afoo isaanii deema'aa turellee gara duubaa deebi'ee dhaabate; Wodhakkaa banii Israa'eliitii fi banii Misirii seene; achiin maayessa duumessaa fi dukkanatu ta'e; gama worra Israa'eliitiin ammo dukkana ibse; halkan san guutuu isaan lachuu wolitti hin dhiyaanne. Muuseen harka ufii galaana irra diriirse; Rabbi qilleensa jabaa baya biiftu'uutiin galaana duubatti deebise qilleensi halkan guutuu waan bubbiseef galaana gara lafa goga'aa jijjiire bisaan bakka lamatti addaan qoodame; Baniin Israa'elii galaana jidduu lafa gogaa irra deema'aa ceeyan; bisaan bita'aa fi mirga isaaniititti akka girgidda'aa ta'ee dhaabate. Worri biyya Misirii, worri faradoo Fari'oonii yaabbatan, loltoonni konkolaataa fardaa yaabbatanii fi worri farda yaabbatan maruu banii Israa'elii ari'u'uuf isaan duubaan galaana wodhakkaa seenan. Haga bari'e Rabbi utubaa ibiddaatii fi utubaa duumessaa keessaan loltoota biyya Misirii laalee isaan sodaachise. Worra konkolaataa fardaa hidhee isaan dhiphise; worri biyya Misirii, «Rabbi worra Israa'eliitii hin lolaa koottaa Israa'eliin jalaa dheessinaa!» woliin jedhan. Rabbi Muuse'een, «Harka kee galaana irra diriirsi akka bisaan worra biyya Misirii, konkolaataa fardaatii fi loltoota faradoo yaabbatan irra gara galuu» jedheen. Kanaaf Muuseen harka ufii gara galaanaa diriirse; galaannillee deebi'ee yaa'uu jalqabe; Worri biyya Misirii jalaa dheessan; Rabbi worra biyya Misirii galaana irra gara galchee achitti isaan hambise. Bisaan gara gale sun worra faradoo yaabbatan, worra konkolaataa fardaa yaabbatanii fi banii maraa liqimse; isaan keessaa namni tokkollee hin hafne. Worri Israa'elii ammo galaana keessa lafa gogaa irra deema'aa bisaan bita'aa fi mirga isaaniititti akka girgidda'aa isaanii ta'ee ceeyan. Gaafas Rabbi akka kanaan banii Israa'elii harka worra Misiriitii hambise; baniin Israa'elii reeffa banii biyya Misirii galaana qacce'etti argan. Baniin Israa'elii harka Rabbii gudda'aa ka inni biyya Misirii irratti godhe arganii Rabbiin sodaatanii garbicha Rabbii Muuse'etti amanan. Kanaan maayessa Muuseenii fi baniin Israa'elii akkana jedhanii faaruu Rabbiif faarfatan; Rabbi waan ulfinnaan guddaa ta'eef, farado'oo fi worra faradoo yaabbatan waan galaanatti gateef Rabbiif faarfadha. Hunninii fi faaruun kiyyallee Rabbiif; inni qoricha naa ta'e Inni Waaqa kiyyaa hin galatoonfadhaan; Inni Waaqa abbaa kiyyaallee waan ta'eef ulfinna kennaaf. Rabbi lolaa jaba'a; maqaan isaallee Rabbi. «Konkolaataa fardaa ka Fari'ooniitii fi loltuu isaallee galaanatti gate; ajajoonni lolaa filatamoonni galaana diima'aan liqimfaman. Galaanni xiillaan isaan fudhate; akkuma dhaga'aatitti xiillaa jala lixan. «Yaa Waandhana; hunni harka kee ka mirgaa gaachena qaba; diina caccabsee gata. Worra sitti ka'an jabeenna ulfinna keetiitiin balleessite; Aariin kee akkuma ibiddi buraa fixutti isaan fixe. Hennaa ati aari'iin bisaanitti hafuura kee baafatte bisaan ol ka'ee akka girgidda'aatitti dhaabate; dambaliinillee galaana keessatti hin cadhise. ‹Diinni ari'ee isaan qaba; qabeenna isaaniillee hin qoodama; waan barbaadellee hin fudhadha; guraadee kiyya luqqifadhee harka kiyyaan isaan balleessa› jedhee ture. Garuu yaa Waandhana; bubbee bubbisiiftee galaanni isaan liqimse; akka sibiila xiillaa galaana gad fago'ootitti gatamaniititti liqimfamanii hafan. «Yaa Waandhana; waaqolee jiddu'utti Waandhi akka keetii eennu? ati Waaqa gaachenaan sodaatamtee fi ka maalalee hojjattee ka akka keetii eennu? ati Waaqa woyyumma'aan kabajjamtee ka akka keetii eessa jira? Harka kee ka mirgaa hennaa diriirsite laftillee diina kenna liqimsite; banii kee arjummaa keetiin furte; jabeenna keetiin gara biyya woyyitti'ii akka galan goote. Worri Yihuudota hin taane dhagayanii hollatan; worri Filisxeemiillee hin muddaman. Hennaa san bulchoonni Eedoomii abdii kutatan; jajjaboonni Moo'aabiillee hin hollatan; Worra Kana'aanii maraa naasu'uun onneen isaanii baxxe. Yaa Waandhana; haga baniin kee ceeyuuf baniin ati furte haga ceeyuuf; isaan naasu'uu fi soda'aan liqimfaman; jabeenna irree keetiitiin akka dhaga'aa cadhisan. Yaa Waandhana; ati isaan hulee ufiif qopheeffatte, gaara ristii keetii irratti isaan dhaabda; yaa Waandhana hulee ufii jiraattu hulee woyyittii harki kee qopheesse keessa isaan galchita. Rabbi baraa haga bara baraa mooya. «Faradoon Fari'oonii worri konkolaataa fardaa oofanii fi worri faradoo yaabbatanillee faradoma ufii woliin galaanatti dhuman; Rabbi galaana isaan irra gara galche; baniin Israa'elii garuu galaana jidduu lafa gogaa irra ceeyan.» Obboleettiin Aaroonii Maariyaam raattittiin dibbee ufii fudhatte; dubartoonni maruu faarfata'aa isii faana yaa'an. Maariyaamillee, «Inni farado'oo fi worra faradoo yaabbatanillee galaanatti gate; ulfinnaan waan kabajjameeruuf Rabbii faarfadhaa'a» jedha'aa isaanii faarfatte. Kanaan maayessa Muuseen Israa'eliin galaana diimaa biraa kaasee lafa gammoojji'ii keessa guyyaa sadihii deeman; garuu bisaan woyiituu hin arganne. Hennaa lafa maaraa jedhamu gayan bisaan maara'aa waan hadhaayaa ta'eef dhuguu hin dandeenne; wonti maaraa jedhameefillee kanumaaf. Baniin Muuse'een «Eeganaa maal dhunna?» jedhanii itti gunguman. Muuseen Rabbiin kadhate Rabbi muka tokko itti mudhise; innillee muka san fuudhee bisaan irra buufnaan bisaan mi'aaye; achitti Rabbi seeraa fi akkaataa ittiin jiraatan kenneefii isaan qore Ati yoo jecha Waaqa keetii jabeessitee eedde, yoo afoo isaatitti waan mishaa goote, yoo isaa ajajamtee seera isaa maraa eedde, dhukkubni worra biyya Misirii irra gawu sirra hin gawu; waan fayyisaan kee ana Rabbiin ta'eef» jedheen. Achiin maayessa gara Eeliimii dhaqan; achi boolla burqaa bisaanii kudha lamaa fi mukkiin Temir jedhamu torbaatamatu ture; isaan bisaan san biratti quphatan. Baniin Israa'elii Maruu Eeliimii ka'anii ji'a lammeesso'oo guyyaa kudha shaneesso'ootitti gara lafa gammoojjii «Siinii» ta Eeliimii fi siinaa jidduu jirtuu dhaqan. Baniin Israa'elii maruu lafa gammoojji'iititti Muuse'ee fi Aaroonitti gunguman. Baniin Israa'elii, «Gumii kana maraa beelaan fixu'uuf gara lafa gammoojji'ii kanatti nu baaftan; maal uduu biyya Misiriititti teennee nyaannee quufnee harka Rabbiititti dhumannee» isaaniin jedhan. Rabbi Muuse'een, «Baniin kun seera kiyyaan hin jiraata'aa fi hin jiraatuu isaa ani isaan qora; kunoo ani Sami'ii xoroshoo isaanii roobsaa; isaan nyaata guyyaa saniif isaanii gawu callaa haa guuratanii. Guyyaa jaheesso'ootitti waan dura guurata'aa turan san dachaa lamaa haa guuratanii» jedheen. Kanaafuu Muuse'ee fi Aaroon ijoollee Israa'elii maraan, «Akka Rabbi biyya Misiriitii isin baase galgala kana beettan; Rabbi akka isatti gungumtan waan dhagayeeruuf, bariisaa ulfinna ufii isinitti mudhisaa wonti nutti gungumtaniif nu maali'i?» isaaniin jedhan. Muuseen, «Rabbi gungummii isin gungumtan waan dhagayeef galgala foon; ganama ammo xoroshoo akka quuftanitti isinii kenna; nu maali'i? Gungumuun keessan Rabbitti malee nuttii miti» jedhe. Muuseen Aarooniin, «Ijoollee Israa'elii maraan Rabbi guguungumuu keessan waan dhagayeeruuf gara Rabbii dhiyaadhaa'a jedhi» jedhe. Aaroon hennaa banii Israa'elii maratti dubbate isaan gara lafa gammoojji'ii deeman; achitti ulfinni Rabbii isaanitti mudhate. Haga galgalaaye simbirran goota naasisa jedhaman dhufanii naannoo san guutan; ganama naannoo sanitti fixeensi bu'ee ture. Haga fixeensi bu'een maayessa wonti akka barada'aa bututeeru lafa gammoojji'ii sanitti argame. Baniin Israa'elii haga waan kana argan «Kun maali'i?» jedha'aa wol gaafatan; Muuseen, «Kun xoroshoo Rabbi akka nyaattaniif isinii kenne» jedhe. Wonti Rabbi isin ajaje kana; «Namni maruu haga isaa gawu haa guuratuu; nama daasee keessa jiru maraafuu gomoorii tokko tokko haa fudhatanii» isaaniin jedhe. Baniin Israa'eliillee akkasuma godhan; gari gariin baay'isanii; gari gariin ammo diqqeessanii guuratan. Hennaa gomoori'iin safaratan worra guddisee guurateellee irraa hin hafne; worra diqqeessee guurateellee jalaa hin hanqanne; martinuu haguma isaanii gawuu guuratan. Muuseen isaan maraanuu, «Eennullee ka guurate san irraa boruuf womaa akka hin hambifanne» isaaniin jedhe. Isaan garuu Muuse'ee hin dhageenne; namoonni gari gariin waan guuratan san boruuf hambifatan; innillee raammayee ajaaye; Muuseen ammo isaaniin lole. Namnoonni maruu waan guyya'aaf isaanii gawu ganamaan guuratan; hennaa aduun itti baate garuu isaan jalaa baqe. Guyyaa jaheesso'ootitti isaan maruu dachaa lamaa godhanii xoroshoo kooboo lamaa guuratan bulchoonni banii Israa'elii dhaqanii Muuse'etti himan; Inni, «Rabbi boru guyyaa hara baafataa; Sambata Rabbiif woyyoome waan ta'eef waan affeeltan affeeladhaa'a; ka hafe maraa boruuf kaayadhaa'a jedheera» isaaniin jedhe. Isaanillee akkuma Muuseen isaaniin jedhe boruuf kaayatan; hin ajoofne hin raammofnelle'e. Muuseen, «Sambanni Rabbii adha waan ta'eef nyaadhaa'a; adha raasa'atti hin argattanii; guyyaa jahaaf guuradhaa'a guyyaan torbeesso'oo Sambata waan ta'eef hin argattan» isaaniin jedhe. Guyyaa torbeesso'ootitti isaan keessaa namoonni gari gariin guurachu'uuf bayanii womaa hin argine. Kanaan maayessa Rabbi Muuse'een «Haga yoomii seeraa fi ajaja kiyya diddan? akka Rabbi Sambata isinii kenne laalaa'a; kanaaf guyyaa jaheesso'ootitti nyaata guyyaa lamaa waan isinii kenneef namni maruu uduu manaa hin baane hulema jiru sanitti hara baafata'aa haa ooluu» jedhe. Kanaaf baniin guyyaa torbeesso'oo san hara baafate. Gofti Israa'elii nyaata saniin «Mannaa » jedhaniin; Mannaan sunillee adiidii akka ija midhaaniiti; mi'aan isaallee akka mi'aa dhaaba dammaati. Muuseen, «Wonti Rabbi isiniin jedhe, hennaa biyya Misirii keessaa isin baase lafa gammoojji'ii keessatti nyaata isin nyaachise akka argan gomoorii tokko ijoollee teessanii kaayaa'a» jedhe. Muuseen Aarooniin, «Xuwwee tokko fuudhiitii mannaa gomoorii tokko itti buusi; ijoollee ijoollee teessaniitiif akka taa'u Rabbiin afoo kaayi» jedheen. Akkuma Rabbi Muusee ajajetti akka taa'u Aaroon saanduuqa waada'aa afoo kaaye. Baniin Israa'elii haga lafa itti galan dhaqaniif woggaa afurtamaa mannaa nyaatan; haga daangaa Kana'aanii gayaniif isuma nyaatan. Hennaa san gomooriin tokko kiiloo sadihii fi wodhakka'a. Baniin Israa'elii maruu akkuma Rabbi isaan ajaje karaa lafa gammoojjii «Siiniitii» ka'anii Raafidimitti quphatan; achitti garuu baniin bisaan dhugu hin arganne. Kanaafuu baniin «Waan dhunnu nuu kenni» jedhanii Muuse'een wol lolan; Muuseen ammo «Maaf naan loltan? Rabbiinillee maaf qortan?» Isaaniin jedhe. Baniin dheebotee «Maaf nu'uu fi ijoollee teenna, horii keennallee dheebu'uun fixu'uuf biyya Misirii keessaa nu baafte?» jedhanii Muuse'etti gunguman. Muuseen «Baniin kun dhaga'aan na dhaawu'uuf ta'aa maal godha?» Jedhee gara Rabbii iyye. Rabbi Muuse'een, «Banii afoo lufii jaarsota Israa'elii keessaa fudhadhuu ulee tee ta bisaan Abbaayii dhoofteen san qabadhuu deemi. Ani kooreebitti dhagaa irra si afoo dhaabadhaa ati dhagaa dhoofta; bisaan baniin dhugu achi keessaa burqa» jedheen; Muuseen jaarsota Israa'elii afo'otti akkasuma godhe. Waan mormii banii Israa'eliitiif «Rabbi nu jidduu jira moo hin jiru?» jedhanii waan Rabbiin qoraniif maqaa hulee sanii maasaahii fi mariibaa jedhanii waaman. Worri Amaaleeqii dhaqanii Raafidimitti Israa'eliin wol lolan. Muuseen Iyyaasu'uun «Ka'imman nuu filii bayii Amaaleeqiin loli; ani boru ulee Rabbii harkatti qabadhee gaara kooreebii gubbaa dhaabadhaa» jedheen. Iyyaasuunillee akka Muuseen jedhe godhe; dhaqee worra Amaaleeqiitiin lole; Muusee, Aaroonii fi Hoori tulluu gubbaa bayan; Hennaa Muuseen harka ufii ol kaasu worri Israa'elii hin mooyatan ture; hennaa inni harka ufii gad deebisu worra Amaaleeqiititu mooyata ture. Yoo harki Muuse'ee haru dhagaa jala kaayanii irra ta'e; Aaroonii fi Hoori ammo bita'aa mirgaan harka isaa irkisan; haga aduun dhiituuf harki isaa gad hin deebine. Iyyaasuun worra Amaaleeqii maraa guraadee qarama'aan fixee mooyate. Kanaan maayessa Rabbi Muuse'een «Gosa worra Amaaleeqii fixee waan lafa irraa balleessuuf yaadannoo kana naa barreessii Iyyaasu'uttillee himi» jedheen. Muuseen hulee ciincaa itti ciincessu hojjatee maqaallee Yaahiwweh Niisii» jedhee waame; Inni, «Alaabaa mooyichaa ka Rabbii ol qaba'aa qabadhaa'a; Rabbi baraa haga bara baraa worra Amaaleeqiitiin hin lolaa» jedhe. Gadichi worra Miidiyaamii soddaan Muuse'ee Yootoor waan Rabbi Muuse'ee fi banii Israa'eliitii godhe maraa akka Rabbi banii Israa'elii biyya Misiriitii isaan baase dhagaye. Hennaa san soddaan Muuse'ee Yootoor, haadha manaa Muuse'ee Siiphaaraa ta inni hennaa gara biyya Misirii dhaqe isa biratti dhiise ijoollee isi'ii woliin fideef. Muuseen, «Ani waan biyya namaatitti galtuu ta'ee jiraata'aa tureef jedhee maqaa ilma hangafaa Geersaam jedhee itti baase. Maqaa mucaa lammeesso'oollee El'eezer ture; Rabbi Waandhi abbaa kiyyaa na gargaaree guraadee Fari'oonii jalaa waan na oolcheef jedhe. Soddaan Muuse'ee Yootoor haadha manaa ufiitii fi ijoollee ufii qabatee gara gaara Rabbii bira lafa gammoojjii Muuseen fa'a itti quphataniiranii dhaqe. Muuseen soddaa ufiititti gad bayee reebbatee dhungatee nagaya wol gaafatanii gara daase'ee seenan; Ani soddaan kee haadha manaa teetii fi ijoollee tee lamaan woliin gara kee dhufneerra jedheen. Muuseen waan Rabbi Fari'oonii fi banii biyya Misirii maraa irratti waan Israa'eliitiif jedhee godhe, waan kara'atti isaan irra gaye maraa, Rabbi attamitti akka isaan hambise soddaa ufiititti hime. Yootoorillee mishummaa Rabbi banii Israa'eliitii godheef biyya Misirii jalaa waan isaan baaseef gammadee, «Waan harka Fari'ooniitii fi banii biyya Misirii jalaa isaan oolcheef Rabbiin galanni haa gawu, Rabbi worra uf jajan irratti waan akkanaa godhe waaqolee maraa akka caalu amma beeke» jedhe. Kanaan maayessa soddaan Muuse'ee Yootoor ciincaa ciincawuu fi ciincaa waan biraallee Rabbiif dhiyeesse; jaarsonni Israa'eliitii fi Aaroon soddaa Muuse'ee woliin dhiyana nyaachu'uuf Rabbiin afoo taa'an. Haga bariite Muuseen bani'ii murtii kennu'uuf taa'e; baniin Muusee afoo ganamaa haga galgalaa dhaabatan. Soddaan Muuse'ee waan Muuseen banii irratti godhe maraa argee, «Wonti ati bani'ii gootu kun maali'i? baniin maruu ganama irraa haga galgalaa si marsanii dhaabataniiran; ati maaf hojja kee teetta?» Jedheen. Muuseenillee soddaa ufiitiin «Baniin fedha Rabbii beeku'uuf gara kiyya dhufa'aaran. Namni rakkinna qabu gara kiyya dhufa; namni lamaa wol dhabee yoo gara kiyya dhufe ka dhugaa qabuuf dhugaa kenna; ka balleessaa qabu ammo itti mura; seera Rabbiillee isaanitti hima» jedheen. Kanaan maayessa soddaan Muuse'ee deebisee, «Wonti ati gootu kun misha'aa miti. Kun sitti ulfaata atii fi baniin si woliin jirullee hin dadhabdan; ati hojja kee hojjachuu hin dandeettu. Amma ani si gorsaa gorsa kiyya dhagayi; Rabbillee si woliin ta'aa; ati banii bakka bu'ii Rabbiin afoo taa'i; waan isaanii Rabbitti dhiyeessi; seeraa fi ajaja, karaa isaan deemanii fi waan godhan maraa isaanitti mudhisi barsiisille'e. Ati banii maraa keessaa beettota, worra Rabbiin sodaatan, worra amanamanii fi worra waan dharaa jibban fili; bulchaa kumaa, bulchaa dhibbaa, bulchaa shantamaatii fi bulchaa kudhanii isaan irratti muudi; isaan hennaa maraa bani'ii haa murteessanii; waan ijoo ta'e maraa gara kee haa fidanii; waan didiqqoo garuu isaanuu haa murteessanii; isaan si woliin ba'aa kana haa baadhatanii; siillee hin salphataa. Yoo waan kana goote, akkuma Rabbi si ajajetti jiraachuu dandeetta; akkasuma baniin kun maruu nagayaan gara mana ufii deebi'a» jedheen. Muuseenillee gorsa soddaa ufii fudhatee waan inni jedheen maraa godhe. Muuseen banii Israa'elii maraa keessaa beettota filee banii irratti tokko bulchaa kumaa, bulchaa dhibbaa, bulchaa shantamaatii fi bulchaa kudhanii godhee muude. Isaan hennaa maraa banii irratti murteessa'aa waan isaanitti ulfaate gara Muuse'ee fidan; waan didiqqaa maraa ammo ufii muran. Muuseen soddaa ufii geegessee nagayaan gara biyya ufii deebi'e. Baniin Israa'elii biyya Misiriitii bayanii ji'a sadeesso'oo guyyaa jalqabaatitti gara gammoojjii Siina'aa dhaqan. Raafidimii ka'anii gara gammoojjii Siina'aa dhaqanii achitti quphatan; achitti baniin Israa'elii gaara afo'otti quphatan. Muuseen gara gaara Rabbi irra jiruu ol baye; Rabbi gaara irraa waameenii «Worra Yaaqoobiitii fi ijoollee Israa'eliitittillee akkana jedhii himi; «Worra biyya Misirii irratti waan ani hojjadhe akka ani akka bajja ilmoolee ufii koola ufii irratti baadhattuutitti akka isin baadhadhee gara kiyya akka isin fide argitaniirtan; ammallee dhugamaan dubbii kiyya yoo dhageettan, waadaa kiyyallee yoo eeddan, Ardiin maruu tiyya waan taateef banii maraa keessaa isin ristii filatamaa naa taatan; isin akka gadoota woyyu'uu taatanii na tajaajiltan; wonti ati banii Israa'eliititti naa himtu kana» jedheen. Kanaafuu Muuseenillee dhaqee jaarsota banii keessaa waamee dubbii Rabbi isa ajaje kana maraa banii afoo dhaabatee dubbate. Baniin maruu afaan tokko ta'anii «Waan Rabbi nuun jedhe maraa hin goona» jedhanii deebisaniif; Muuseenillee waan baniin jedhe Rabbitti dhiyeesse. Rabbillee Muuse'een «Hennaa ani si woliin dubbadhu baniin akka dhagawu; sittillee baraa haga bara baraa akka amanan duumessa gudda'aan dhufa» jedheen; Muuseenillee waan baniin jedhe Rabbitti dhiyeesse; Rabbi Muuse'een «Gara bani'ii deebi'ii adhaa fi boru isaan woyyoomsi, uffata ufiillee haa miicatanii. Guyyaa sadeesso'ootitti uduma baniin maruu argu ani gaara Siina'aa irratti waan bu'uuf maruu guyyaa san haa qophaayanii; naannaya sanitti daangaa godhi; gara gaaraa ol hin bayinaa'a; gaara qacceellee hin tuqinaa'a; namni gaara san tuqe hin du'aa uf haa eeganii. Eennullee harkaan akka hin tundhe; namni tuqe maruu dhaga'aan dhayama; hin woraannamalle'e; horii yookaan namnillee hin hafu» isaaniin jedhe; wol faanaa xurumbaa hennaa afuufan yoo san gara gaaraa ol haa bayanii. Kanaan maayessa Muuseen gaara irraa gara bani'ii gad bu'ee isaan woyyoomse; isaan uffata ufiillee hin miicatan; Bani'iin, «Haga guyyaa sadihii qophaayaa'a; dubartii teessan birallee hin gayinaa'a» jedhe. Guyyaa sadeesso'oo ganama gigissaa'a, laagaan bakakka'aa guddaan, duumessaa fi laagaan xurumba'aa gaara irratti dhagayame; baniin naannoo san jiru maruu sodaatanii hollatan. Muuseen bani'ii fi Rabbiin woliin gawu'uuf naanno'oo baasee gara gaaraa isaan fide. Waan Rabbi ibiddaan gaara Siina'aa irratti bu'eef gaarri maruu aara'aa ture; gaara kana keessaa waan akka aara dhagaa bobawuutitu baya'aa waan tureef gaarri maruu guddisee raafama ture. Laagaan xurumba'aa hennaa guddisee jabaate, Muuseen hin dubbate; Rabbillee laagaa ufii dhageessisee deebiseef. Rabbi qaccee gaara Siina'aa irratti bu'ee Muusee gara qaccee gaaraatitti ol waame; Muuseenillee ol baye. Rabbi Muuse'een «Gad bu'iitii baniin Rabbiin argu'uuf jedhanii daangaa lufanii akka isaan keessaa hin duune akka uf eeggatan godhi; gadoonni gara Rabbii dhiyaatanillee akkasuma akka Rabbi isaan hin balleessine uf haa woyyoomsanii» jedheen. Muuseenillee Rabbiin, «Akkuma ati naannaya gaaraatitti daangaa godhi; banii woyyoomsi; akka uf eeggatan godhi; gara gaaraallee akka hin baane isaanitti himi naan jette ol bawuu hin danda'an» jedheen. Rabbillee Muuse'een, «Ka'ii gad bu'i; atii fi Aaroon deebitanii ol baatanii; gadoonni garuu akka Rabbi isaan hin balleessine gara Rabbii ol bawu'uuf akka daangaa hin lufne» jedheen. Muuseen gara bani'ii gad bu'ee woma kana isaanitti hime. Rabbi dubbii kana maraa akkana jedhee dubbate; «Rabbi Waandhi kee ka garbummaa biyya Misiriitii si baase ana; «Anaa achi Waaqa biraa hin waaqeffatin; «Waan Sami'ii olii, waan Ardii irraa, waan Ardii keessaa, waan galaana keessa jiraa, fakii bocame kamiinillee Waaqa kee hin godhatin; Isaanii hin sagadin; hin waaqeffatinille'e; ani Rabbi Waaqa hinaafu waan ta'eef worra na jibban cubbuu abbootaa dhaloota sadeesso'oo haga arfeesso'ootitti haluu baya. Worra na jaalatanii fi worra seera kiyya eegan maraaf ammo haga dhaloota kumaa araara isaaniif godha. Maqaa Rabbii Waaqa keetii duwwamatti hin waamin; Rabbi worra maqaa isaa duwwamatti waamu cubbuu irraa isaan hin qulqulleessu. Guyyaa Sambataa woyyoomsii kabajji; Guyyoota jahaa hujii kee maraa hojjadhu. Guyyaan torbeesso'oo garuu guyyaa Sambataa ka Rabbii Waaqa keetiitii; atii fi ijoolleen tee, garboonni tee, horiin kee, wonti qe'ee kee keessatti argamuu fi worri sitti galee si keessa jiraatu maruu guyyaa kanatti hujii kamiinillee hin hojjatin. Rabbi guyyaa jaha keessatti Ardi'ii fi Samii, galaanaa fi waan galaana keessaa maraa uumee guyyaa torbeesso'ootitti hara baafate; kanaaf Rabbi guyyaa Sambataa eebbisee woyyoomse. Rabbi Waandhi kee umurii kee lafa irratti akka sii dheeressu abbaa keetii fi haadha tee kabajji; «Hin ajjeesin; «Hin seebarin; «Hin hatin; «Eennuun irrattillee dharaan hin ragin; «Mana eennuullee, haadha manaa eennuullee, hojjataa, hojjattuu, qotiyyoo eennuullee, harre'ee fi horii eennuullee maraa kamiinuu hin hawwin.» Baniin maruu hennaa laagaa gigissa'aatii fi bakakka'aa, laagaa xurumba'aatii fi hennaa gaarri aaru arganii hollata'aa achi siiqanii dhaabatanii Muuse'een, «Ati nutti dubbadhu nu hin dhageennaa; akka hin duune Rabbi nutti hin dubbatin» jedhaniin. Muuseen bani'iin, «Rabbi isin qoru'uuf cubbuu akka hin hojjanneef, onnee keessan keessa sodaan isaa akka taa'u gara keessan waan dhufeef hin sodaatinaa'a» jedhe. Baniin ammo irraa siiqanii dhaabatan; Muuseen gara duumessa daasee Rabbi jiruu siiqe. Rabbillee Muuse'een «Ijoollee Israa'eliitiin akka ani Samii irraa isinitti dubbadhe argitaniirtan; ana afo'otti womaa hin hojjatinaa'a; ana dhiiftanii waaqolee birri'ii fi worqii irraa hojjattanii hin waaqeffatinaa'a; hulee ciinca'aa dhoqqe'een naa huji; ciincaa fayyinna keetii ka gubamu ka hoolotaatii fi ka sangoota keetii achi irratti ciincessi; hulee maqaan kiyya itti qaabatamu marattuu dhufee si eebbisa; hulee ciinca'aa ka dhagaa irraa hojjatamu yoo naa hojjatte, dhagaa sibiilli tuqe irraa hin hojjatin; yoo hulee ciinca'aa san sibiilaan tuxxe hin batteessita. Akka qaamni kee ka saalaa hin mudhanne korto'oon gara hulee ciinca'aa hin bayin. «Seerri ati dura afoo isaaniititti gootu kana; garbicha Ibrootaa yoo bitte, inni woggaa jahaa sii haa hojjatuu; woggaa torbeesso'ootitti gatii tokko malee akkanumaan bilisa isa baafta; Yoo hojja ufii dhufee jiraate hojjuma ufii haa bawuu; yoo haadha manaa ufii woliin dhufee jiraate haati manaallee isuma woliin haa baatuu. Yoo gooftaan isaa haadha manaa itti fuudhee jiraate, isiin yoo ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa deetteef, haati manaa isaatii fi ijoolleen isaa gooftaa isaatiif haa hafanii; inni ammo hojjuma ufii bilisa haa bawuu. Yoo garbichi sun haadha manaa tiyyaa fi ijoollee tiyya hin jaaladha, ani bilisa hin bawu jedhe, gooftaan isaa sun gara worra murteessanii fidee, gara qasatoo balbalaa fidee muta'aan gurra isaa haa woraanuu; baraa haga bara baraa garbicha isaa haa ta'uu. «Namni yoo intala ufii garbumma'aaf kenne, akka garboota kaawwanii isiin bilisa hin bayin; gooftaan isii bitate sun yoo isiin isa gammachiisuu baatte, baniin isii haa furuu malee inni isii nama biraatitti hin gurgurin; Yoo isii mucaa ufiititti fuudhuu barbaade, seera ijoollee intalaatiif ta'u maraa haa godhuufii. Mucaa ufiititti yoo intala biraa fuudhuu barbaade akkuma haadha manaa ta isaa ta duraatitti isi'iifillee nyaata, uffata, waan isiin irra bultu maraa isii jalaa hin hanqisin. Waan sadiin kanniin yoo godhu'uufii baate, horii malee akkanumaan isa biraa haa baatuu. Namni yoo nama dhayee namni harkatti du'e, innillee haa ajjeefamuu. Yoo beekka'aan hin ajjeefne, tasa Rabbi harka isaa keessatti yoo daneesse ani hulee inni itti dhokatu hin qopheessaaf; garuu namni tokko yoo beekka'aan goshoo ufii ajjeese, uf oolchu'uuf jedhee gara hulee ciinca'aa seene, du'aan haa adabamuu. «Ka abbaa yookaan haadha ufii dhaye sirima haa ajjeefamuu. «Namni nama garbumma'aaf yookaan gurgurachu'uuf ukkaamsee yoo hate du'aan haa adabamuu. Ka abbaa yookaan haadha ufii arrabsu sirima haa du'uu. Namoonni lamaa wol lolanii tokko dhaga'aan yookaan tontoommo'oon madeessee garuu yoo du'uu baatee dhibamee siree irra yoo ciise; achii oli ka'ee bordifatee yoo raasaa baye, ka isa dhaye sun bilisa ta'a; garuu waan hujii isa hiissiseef, gumaata haa kaffaluufii; haga inni fayyuuf isa haa badaduu. «Namni tokko garbicha ufii yookaan garbittii ufii ule'een dhayee yoo harkatti duute haa adabamuu. Ka dhayame guyyaa tokko yookaan guyyaa lamaa yoo ture, qabeenna isaa waan ta'eef hin adabamu. «Namni lamaa yoo wol lole, yoo dubartii ulfaa haga quuqamtutti darbe, garuu yoo miidhamuu baatte waan abbaan worraa isi'ii jedhe maraa haa kennuu; akkuma jaarsonni isatti murteessanitti haa kaffaluu. Miidhaan biraa yoo irra gaye, lubbuu lubbu'uun, ija ijaan, ilkaan ilkaaniin, harka harkaan, luka lukaan, gubaa guba'aan, madaa mada'aan, tumaa tuma'aan haa kaffaluu. «Namni ija garbicha ufii yookaan garbittii ufii dhayee balleesse waan gatii ija isaaniitiif bilisumma'aan gad haa dhiisuu. Namni ilkaan garbicha ufii yookaan garbittii ufii dhayee cabse, waan ilkaan isaaniitiif bilisa gad isaan haa dhiisuu. Sangaan intala yookaan dhiira woraanee yoo ajjeese dhaga'aan dhayamee haa du'uu; foon isaallee akka hin nyaattamne, abbaan sangaa sanii bilisa ta'a. Sangaan sun yoo ka duraan nama nyaatu akka ta'e ragame abbaan isaa sun eeguu baatee nama dhiiraa yookaan intalaa woraanee yoo ajjeese, sangaan dhaga'aan tumamee haa du'uu; abbaanillee haa du'uu. Abbaa sanga'aa san irraa yoo gumaa barbaadan ammo haga itti murtaaye maraa haa kaffaluu. Deebi'ee ammallee dhiira yookaan intala yoo woraane seeruma kanaan itti murtaaya. Sangaan garbicha yookaan garbittii yoo woraane abbaan sangaa sanii saqilii soddomaa gooftaa isaaniitii haa kaffaluu, sangaanillee dhaga'aan tumamee haa ajjeefamuu. Namni tokko boolla duuchame yoo bane, yookaan yoo ufii qotee afaan banaa dhiisee sangaan yookaan harreen itti bade, abbaan boolla sanii gatii horii sanii abbaa hori'iitii haa kaffaluu; ka du'e ammo ufii haa fudhatuu. Sangaan tokko sangaa nama biraa woraanee yoo ajjeese ka ajjeese sun gurguramee qixa adda haa qoodamanii; ka du'ellee foon isaa qixxe'etti haa qoodamanii. Yoo sangaan sun duraanuu akka nama nyaatu ka beekkame ta'e abbaan yoo eeguu baate, bikka sangaa du'ee sangaa biraa haa kaffaluu; ka du'e ammo ufiif haa hambifatuu. «Namni sangaa yookaan hoolaa hatee qalate, yookaan yoo gurgurate, bikka sangaa tokkochaa sangoota shanii, bikka hoolaa tokkoo hoolota afur haa kaffaluu. Hattuun uduu mana qotu yoo qabame haga du'utti yoo dhayamee du'e namichi dhaye sun guma'aan hin gaafatamu. «Haga bariite yoo ajjeese guma'aaf gaafatama; hattichi ammo waan hate san haa deebisuu; yoo waan deebisu dhabe, waan hateef garbumma'atti haa gurguramuu. Wonti inni hate sangaa ta'ee'e, harree yookaan yoo hoolaa ta'e waan hate san dachaa lama godhee haa kaffaluu. «Namni kamuu gara maasa'aa yookaan gara lafa woyini'ii horii ufii yoo itti gad dhiisee maasaa nama biraa dheechise, wonti maasaa sanii bikkamee haa kaffalamuufii. Namni tokko ibidda midhaanitti qabsiisee ibiddi sun yoo midhaan gube namichi ibidda san qabsiise tilmaama haa kaffaluu. «Namni tokko qarshii yookaan waan biraa yaboo goshoo ufii bira yoo kaayatee mana isaatii hatamee hattichi hate sun yoo argame, waan hate san dachaa lama haa kaffaluu. Yoo hattichi argamuu baate, namichi meeshaan sun itti kenname sun seeratti haa dhiyaatu; qabeenna goshoo ufii san tuqu'uu fi tuquu dhabuu isaa haa kakatuu. «Namoonni waan sanga'aa, waan harre'ee, yookaan waan hoola'aa, waan uffataa yookaan waan jalaa bade maraaf wol himatanii kiyya jedha'aa yoo wol falman falmiin isaanii sun gara seeraa haa dhiyaatuu; waan worri seeraa itti mure goshoo ufiitii dachaa lama haa kaffaluu. «Namni yoo yaboo goshoo ufiitii harree'e, sangaa'a, hoola'aa fi horii biraa isa bira kaayatee namichi inni itti kennate sun uduu hin argine yoo du'e yookaan yoo miidhame, yookaan yoo saamame, waan goshoo ufii san akka hin tundhe ragaa yoo qabaate isaanumti lamaan kakuu Rabbii wolii haa kakatanii; abbaan hori'iillee kakuu san haa amanuu; kuunillee womaa hin kaffalin. Yoo horiin sun isa biraa hatame ammo bikka horii isa biraa hatamee san horii biraa haa deebisuufii; horii san yoo ka bineensi nyaate ta'e, waan bineensa irraa hafe raga'aaf haa dhiyeessuu; waan bineensi nyaateef horii san hin kaffalin. «Goshoo ufii irraa horii ergifatee bakka inni hin jirretti yoo miidhame yookaan yoo du'e sirima haa kaffaluu; abbaan ammo yoo isa woliin jiraate hin kaffalin; yoo kiraa fudhatee jiraate, gatiin kira'aaf kaffalu sunuu horii san bakka bu'a. «Namni tokko durba duudaa takka sobee yoo durbummaa isi'ii irraa fudhate waan qaadhimaa kennee isii haa fuudhuu; yoo abbaan mucatti'ii dhooggate, waan seera durbummaa isi'ii isaa haa kaffaluu. «Dubartiin mita namatti gootu haa ajjeefamtuu; «Namni hori'itti oolee battaaye haa ajjeefamuu. «Rabbii malee ka waaqa biraa kamiifillee ciincaa dhiyeessu sirima haa ajjeefamuu. «Isin waan biyya Misiriititti galtuu taatanii jiraata'aa turtaniif nama isinitti gale gad qabdanii hin rakkisinaa'a; Worra haadha hiyyeessaatii fi ijoollee abba'aa fi haadha hin qabne hin rakkisinaa'a. Yoo isin isaan rakkiftanii isaan gara kiyya iyyan, ani Rabbi iyya isaanii hin dhagaya. Lolli kiyyallee isinitti jabaata; guraade'een isin ajjeesisa; haati manaa teessanillee haadha hiyyeeyyi'ii taati; ijoolleen teessanillee hin hiyyoomti. Hiyyeessa kiyya ka si bira taa'u yoo qarshii itti liqeessite, dhalaan hin liqeessin; dhalallee isaanitti hin ta'in. Uffata goshoo keetii akka qabdi'iititti yoo jalaa qabatte, uduu aduun hin dhiine deebisiif; wonti inni qorra uf irraa dhoogguunii fi wonti inni irra rafu isuma waan ta'eef uffata saniif yoo natti iyyate ani araaramaa waan ta'eef isaa dhagaya. «Rabbiin hin arrabsin; bulchoota banii keetiillee hin abaarin. «Qixiraa kee, daadhii woyini'ii kee, dhadhaa ejersaa kee ka duraa naa dhiyeessi; «Ijoollee tee ta dhiiraa keessaa hangafa naa kennita. Loonii fi hoolota kee keessaallee akkasuma naa goota; haga guyyaa torbaa callaa haadha woliin haa taa'uu; guyyaa saddeetesso'ootitti naa kennita. «Isin banii woyyuu naa taatan; kanaafuu horii lafa gammoojji'ii keessatti bineensi butee ajjeese sare'ee kennaa malee hin nyaatinaa'a. «Oduu sobaa hin odeessin; akka sobaa si hin taasifne nama soba raguun hin shariikin; hamaa hojjachu'uuf namoota hamaa hojjatan faanaa hin deemin; murtii dabsu'uuf namoota baay'e'een wolii galtee soba hin ragin. Yoo hiyyeessi murtii afo'otti dhiyaate, hiyyummaa isaa laaltee murtii hin dabsin. «Sangaan yookaan harreen diina keetii ka bade yoo argite deebisiif. Nama si jibbu jalaa harreen fe'aa jissee yoo argite bira hin lufinii gargaarii fe'i. «Hiyyeessa falmatu jalaa murtii hin dabsin. Waan soba ta'e irraa fagaadhu; nama qulqulluu hin ajjeesin; ani nama akkasii san cubbuu irraa waan hin qulqulleessineef; gabbarsuu hin nyaatin; waan worra murtii qajeelaa murteessan akka hin murteessine taasisuuf; qulqulloonnillee akka dubbii dabsan godha. «Nama isinitti baqate irratti daba hin hujinaa'a; isin hennaa biyya Misiriititti baqattoota taatanii teettan namni baqate maal akka ta'e waan beettaniif. Woggaa jahaa lafa tee qotii facaasii midhaan galfadhu; Woggaa torbeesso'oo ammo lafa bulchi; waan lafa san irratti marge maraa akka hiyyeeyyiin biyya keetii irraa nyaatan, waan hafe busaawaan raasa'aa haa nyaatuu; woyiniinii fi munni ejersaallee akkasuma haa ta'uu. «Guyyaa jahaa hujii kee hojjadhu; guyyaa torbeesso'oo garuu Sambata waan ta'eef sangaan kee, harriin kee, garbichi keetii fi ilmi garbicha kee ka sitti galeellee hara haa baafatuu. «Waan ani isiniin jedhe maraa eegaa'a; maqaa waaqolee kaawwanii hin waaminaa'a; afaan keessan irraallee hin dhagayamin. «Woggaa keessa hennaa sadihii ayyaana naa gootan. Ayyaana xorosho'oo ayyaanteeffadhu; waan ji'a Abiibii biyya Misirii keessaa baataniif akkuma si ajaje ji'a kana keessa guyyaa torbaa waan raacitii hin qabne nyaatta; harka duwwaallee na afoo hin dhufinaa'a. Waan maasaa keetitti facaaftu keessaa hangafa ayyaanni haama'aa uduu hin lufne ayyaana hennaa midhaan galchanii ayyanteffadhaa'a; woggaa keessatti harka sadihii dhiirti mana keetii maruu, Rabbii Gooftaa afo'otti haa mudhatuu. «Dhiiga ciincaa naa dhiyeessitu keessa waan raacitii qabu woliin naa hin dhiyeessin; coomni ayyaana kiyyaaf dhiyaatu haga bari'uuf akka hin turre. «Daraaraa lafa kee irratti facaaftee marge keessaa hangafa filatamaa gara mana Rabbii Waaqa keetii fidi; ilmoo hoola'aa ka re'e'ee aannan haadhaatiin hin affeelin. «Ani maleekkaa karaa irratti si eegu, gara hulee ani itti si galchullee akka si geessu sii erga. waan inni siin jedhu dhagayii ajajamiif; waan maqaan kiyya isa irra jiruuf yoo isin cubbuu hojjattan waan isinii hin dhiifneef uf eeggadhaa'a. Ati ammo yoo jecha isaa dhageette, waan ani siin jedhe maraa yoo goote, diintota tee hin jibba; worra si dhiphisan hin dhiphisa. Maleekkaan kiyyallee waan si afoo deemuuf gara biyya Amoorootaa, Keexotaa, Ferzotaa, Kana'aanotaa, Ewiyaanotaatii fi gara Iyyaabusootaa si geessa; anillee isaan balleessa. waaqolee isaaniitii hin sagadin; hin waaqeffatinille'e; waan isaan hojjatan hin hojjatin; sirimaa isaan diigi; soodduu isaaniillee caccabsi. Rabbii Waaqa keessan hin waaqeffattan; inni nyaataa fi dhuddoo keessan hin eebbisa; dhibeellee isin jiddu'uu balleessa. Lafa tee keessatti ta quuqamtu yookaan dubartiin dhabduun hin jiraattu; umurii dheeraallee sii kenna. «Sodaa kiyya afoo kee kaaya; banii itti dhaxxu maraa hin sodaachisa; diintonni kee martinuu dudda galanii akka dheessan godha. Qarxaasaa nama iddu ergee Eewwota, Kana'anotaa fi Keexota si afo'oo ariisisa. lafti akka duwwaa hin taane busaawaan lafa irraallee akka sitti hin baay'anne, haga woggaa tokko afoo keetii hin ari'u; garuu haga bay'attee Ardii dhaaltutti hago hago'oon ari'a; daangaa kee galaana diimaa irraa haga galaana Filisxeemii, lafa gammoojji'iitii haga laga Efraaxisii godha; worra biyya san keessa jiraatan maraa harka kee jala galcha; atillee isaan ariita. Isaanii fi waaqolee isaanii woliin waadaa hin galin; waaqolee isaanii yoo waaqeffatte siiboo sitti ta'anii akka na yakkitu akka si hin taasifne biyya kee keessa akka hin teenne.» Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Atii fi Aaroon, Naadaab, Abiyuudii fi jaarsonni Israa'eliillee torbaatamni gara gaara Rabbii baya'aatii fagoo dhaabadha'aatii sagadaa'a; Muuseen ammo hojja ufiititti gara kiyya gara Rabbii haa dhiyaatuu; baniin ammo isa woliin akka hin dhiyaanne» Muuseenillee dhufee jecha Rabbiitii fi seera maraa bani'itti hime; baniin maruu laagaa tokkoon «Waan Rabbi dubbate maraa hin goona» jedhan. Muuseenillee jecha Rabbii barreessee ganamaan ka'ee gaara jalatti hulee ciinca'aa akka gosa Israa'elii kudha lamaaniitiin soodduu dhaabe; ijoollee Israa'elii keessaa ka'imman waan ciincaa fayyinnaatiif ka Rabbii dhiyaatuuf sangoota akka qalan erge. Muuseen wodhakkaa dhiigaa fuudhee qori'itti buusee dhiiga ciinca'aa hulee ciinca'aatitti facaase; Kanaan maayessa kitaaba waada'aallee fuudhee laagaa ol fudhatee bani'ii dubbise; isaanillee waan Rabbi jedhe maraa hin goona hin ajajamnaafille'e» jedhan. Muuseen dhiiga fuudhee banii irratti akkana jedhee facaase, « Jecha kana maraan waadaan Rabbi dhiigaan isin woliin gale kunooti» jedhe. Muusee, Aroon, Naadaab, Abiyuudii fi jaarsonni Israa'elii torbaatamman maruu gara gaaraa ol bayan. Waaqa Israa'elii argan; miila isaa jala wonta akka maleekkaa Sami'ii ifu waan badhaa bulee akka dhagaa gatii gudda'aatitu ture. Inni harka ufii manguddoota Israa'elii irratti hin hiixanne; isaanillee Rabbiin arganii nyaatanii dhugan. Achiin maayessa Rabbi Muuse'een, «Gara kiyya gara gaaraa ol bayii taa'i; waan ati isaan barsiiftu seeraa fi ajaja kiyya dhagaa baxxee irratti barreessee sii kennaa» jedheen. Muuseenii fi gargaaraan isaa Iyyaasuun isa woliin ka'an; Muuseen gara gaara Rabbii ol bayee, jaarsotaan «Haga gara keessan deebinuuf as taa'aa'a; Aaroonii fi Hoori kunoo isin woliin taa'an; ka hajaa qabullee yoo jiraate gara isaanii haa dhaquu» isaaniin jedhe. Muuseen gara gaaraa ol baye; gaarrillee hurrii duumessaatiin dhoffame. Ulfinni Rabbii gaara Siina'aa irra taa'e; guyyaa jahaaf duumessi isa dhosse; guyyaa torbeesso'ootitti Rabbi duumessa keessaan Muusee waamee, gaara gubba'atti ijoollee Israa'elii duratti ulfinni Rabbii akka ibidda nama gubuutitti ture. Muuseenillee duumessa keessaan gara gaaraa ol baye; Muuseen gaara irra guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa ture. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoolleen Israa'elii akka kennaa naa dhiyeessan isaanitti himi; kennaa waanuma inni onnee ufii keessatti kennuu fedhe irraa fuudhaa'a. Kennaan isin isaan irraa fuutan kanniin; Worqii'i, birrii'i, sibiila diimaa'a, uffata jirbii bifa bule'ee, diimaa, uffata jirbii irraa hojjatame, uffata rifeensa re'e'ee irraa hojjatame, gogaa korbeessa hoola'aa ka sukkuumamee halluu diima'atti cuuphame, muka ajo'oo, sayitii ibsa'aaf ta'u, dhadhaa ejersaa, hixaana, urgooftuu gara garaa ka urgaawu, maraagidii, faaya kiisii qomaa irratti godhatan irraa fuuta; akka ani isaan wodhakkaa jiraadhu mana woyyuu naa haa ijaaranii; akka ani sitti mudhiseetitti akka fakkeenna mana bulti'ii, akka fakkeenna meeshaan ani sitti mudhisee maratti akkasuma hojjadhaa'a. «Muka ajo'oo irraa saanduuqa waada'aa haa hojjatanii; dheerinni isaa ciqilee lamaa fi wodhakkaa, dalgi ciqilee tokkoo fi wodhakkaa, ol dheerinni ciqilee tokkoo fi wodhakkaa haa ta'uu. keessaa fi gubbaa isaa worqii misha'aan uwwis; naannaya isaa worqi'iin goodi. Qubee worqi'ii afur godhiif; isaanillee luka isaa arfan irratti godhiif; luka lamaan gama tokkootitti worqii lama, gara kaaniinillee worqii lama haa ta'uu. Muka saanduuqa waada'aa baadhataniinillee muka ajo'oo irraa haa hojjatanii; worqi'iin haa uwwisanii; loosaa saanduuqa waada'aa gara arfaniinuu keessa galchi. Loosaa qubee saanduuqaa keessaa sirima akka hin baafne. Saanduuqa keessa ragaa ani sii kennu keessa kaayi. «Worqii mishaa irraa dheerinna ciqilee lamaa fi wodhakkaa, dalgi isaa ciqilee tokkoo fi wodhakkaa, qadaada araaraa hojjadhu. Kiruubeelii lamaa worqii tumame irraa huji; qadaada araaraa irratti gamaa gamana lamaaniinuu goota; kiruubii tokkocha qadaada araaraa woliin gama tokkoon kiruubii lammeesso'oo gama lammeesso'ootiin gootee wolitti hojjatta. Kiruuboonnillee koola ufii ol badhifatanii qadaada araaraa kolba ufiitiin dhossan; fuulaan wol laalan; fuulli kiruubotaa gara qadaada araaraa laala. Qadaada araaraa irra goota; ragaa ani sii kennu saanduuqa waada'aa keessa keetta; achitti ani si woliin ta'a; akka ati ijoollee Israa'elii ajajjuuf waan ani sitti himu maraa wodhakkaa kiruubeelii lamaan wodhakkaa qadaada araaraa irra dhaabadhee si qaassa. «Gabataa dheerinni isaa ciqilee lama; dalgi isaa ciqilee tokko, hojjaan isaa ciqilee tokkoo fi wodhakkaa ta'e muka ajo'oo irraa hojjadhu. Worqii mishaan itti uwwifta; naannaya isaa worqi'iin goodi; naannaya isaa worqi'iin goodi. Qubee worqi'ii afur godhiif; qubee sanniin luka isaa arfan irrattuu godhi. Gabataallee akka baadhataaf namaa tolu loosaa qubee akka itti godhan naannaya gooda'aa irra haa ta'uu. Loosaa gabata'aan baadhatan ka muka ajo'oo irraa hojjatte worqi'iin uwwis. Akka ittiin woraabu'uuf tolu qori'ii fi mooqqaa ittiin woraabanii fi xuwwee mijuu itti dhugan tolchi; isaanillee worqii mishaa irraa hojjadhu. Buddeena woyyoome hennaa maraa na afoo gabatee irra kaayi. «Baattuu ibsa'aa worqii mishaa irraa hojjadhu; baattuun ibsa'aa luttinii fi soomayyuun isaa worqii tumame irraa haa hojjatamuu; qolli isaatii fi daraaraan isaa worqii irraa haa hojjatamuu. Ladda isaa damee jahaa itti baasi; damee baattuu ibsa'aa gama tokkoon sadihi, gama biraatiinillee sadihi itti baasi. Damee jalqabaatitti waan sadihii ka ija baqaffate qabu haa ta'uu; xuwwee gama lammeesso'oo irratti qaccee abaaboo hin baqaffatin qabu akkasuma baattuu ibsa'aa keessaa qaccee ol bawu jaha itti godhi. Soomayyuun baattuu ibsa'aa waan akka lawuzi'ii fakkaatu afur xuwwe'ee fi abaaboo irratti godhi. Dameewwan mute jahan baattuu ibsa'aa keessaa ol bayan qaccee lamaanii gaditti tokko ta'ee hojjatame damee lamaanii gad tokko ta'ee ka hojjatame haa ta'uu. Dameen mute maruu tokko haa ta'anii; martinuu tokko irraa yoo hojjatame worqii mishaa itti godhi. Ibsaa torbaa hojjadhu afoo isaatitti akka ifan qabsiis. Meeshaan baattuu ibsa'aa maruu worqii mishaa tokko irraa haa hojjatamuu. Baattuun ibsa'aatii fi meeshaan isaa martinuu worqii mishaa saqilii soddomii shan irraa haa hojjatamuu. Akka fakkeenna ani gaara irratti sitti mudhisee sanitti uf eeggadhuu hojjadhu. «Akkasuma ammallee jirbii fooyame mishaa waan dhiilgee bifa Sami'ii qabu, hulee bulti'ii ka golloo kudhanii qabu, akka kiruubeelii hojjataan ogeessi hojjateetitti isaan irra kaayi. Dheerinni golgaa maraatuu ciqilee diddamii saddeeti; dalgi isaa ciqilee afur haa ta'uu; golgi maruu wol qixa haa ta'uu. Golgaan shananuu ka wol qabatan haa ta'anii; golgi shanan kuuwwanillee akkasuma ka wol qabatan haa ta'anii; Golgaa wolitti hidhame sanniin keessaa qaccee golgaa tokkoo irratti qubee bulee bifa Sami'ii itti godhi; akkasuma qaccee golgaa tokkoollee akkasuma godhi. Qubeewwan shantamaa golgaa tokko irratti godhi; qaccee golgaa lammeesso'oo irrattillee qubeewwan shantamaa godhi; qubeewwan maruu haa mudhatanii. Qabata shantamaa ka worqi'ii hojjadhu; huleen bulti'ii tokko haa ta'uu; golgaa isaanii wol qabsiis. Waan hulee bulti'iitiif ta'u golgaa daase'ee rifeensa re'e'ee irraa hojjadhu; isaan martinuu golgaa kudha tokko goota. Dheerinni golgaa maraatuu ciqilee soddoma; dalgi golgaa maraatuu ciqilee afur; golgaan martinuu wol qixa haa ta'anii. Golgaan shanii wolitti haa hidhamanii; akkasuma golgaan jahaa wolitti haa hidhamanii; golgaan jaheesso'oo afoo daase'ee irra haa dhayamuu. Golgaa wolitti hidhame sanniin keessaa qaccee golgaa tokkootitti qubeewwan shantamaa godhi; akkasuma golgaa wolitti hidhame kaawwan keessaallee qaccee golgaa tokkootitti qubeewwan shantamaa godhi. Sibiila diimaa irraa qadhabaa shantama hojjadhuutii qubeewwan itti godhi; akka daaseen tokko ta'u wolitti hidhi. Waan golgaa daase'ee irraa hafe wodhakkaa golga sanii hulee bulti'ii dudda duubaan haa rarra'uu. Akka hulee bulti'ii san dhossu gama tokkoon dheerinna ciqilee tokkoo wonti golgaa daase'ee irraa hafe hulee bulti'ii duubaan gamaa fi gamanaan haa rarra'uu. «Ka daasee irra dhayan gogaa hoolaa arrawaa irraa, dachaa gubba'aa irraanillee golgaa biraa gogaa re'e'ee irraa hojjadhu. «Cufanaa balbala bulti'ii muka woddeessaa irraa hojjadhu. Dheerinni cufanaa balbalaa maruu ciqilee kudhan; dalgi isaanii ciqilee tokkoo fi wodhakkaa haa ta'u. Balbala cufanaa maraa ka tokko tokkoon wol qabsiisu waan isaan wol qabsiisu lamaan godhiif; cufanaa hulee bulti'ii maraa akkasuma godhi. Balbala hulee bulti'ii san gama bita'aatiin cufanaa diddamaa godhiif; balbala diddamaa kana jala luka afurtamaa birri'iin hojjadhu; cufanaa maraa jalatti wol qabsiiftuu lama lama godhi. Hulee bulti'ii gara mirgaatiin balbala diddamaa luka afurtamaa ka birrii irraa hojjate godhiif. Jalli cufanaa maraatuu luka lama lama haa ta'uu. Hulee bulti'ii gara dhiyaa duuba isaatiin cufanaa jahaa godhiif. Hulee bulti'ii ladda lamaan dudda duuba irraan cufanaa lamaa godhiif. Jalaa haga qaalawa qubee jalqabaa cufanaan tokko dachaa haa ta'u; lamaaniifuu akkasuma haa ta'u; isaan lachuu ladda gamaa gamanaatiif ta'an. Balbala saddeetaa fi luka birri irraa hojjatame kudha jaha godhiif; cufanaa maraa jala luka lama godhiif. «Hulee bulti'ii ka muka ajo'oo irraa hojjatame, balbala shanan gama tokkootitti loosaa shanii; Cufanaa hulee bulti'ii ka gama lammeesso'ootiillee loosaa shanii; cufanaa hulee bulti'ii ka gara karaa dhiyaatiin jiruu loosaa shanii godhiif. Loosaan balbala wodhakka'aallee cufanaawwan balballan jiddu'uu haa lufuu. Loosaa worqi'iin uwwis; qubeewwan akka loosaawwan keessa dabarsu'uuf ta'utti worqii irraa hojjadhu; loosaa sanniinillee worqi'iin uwwis; Hulee bulti'ii san akka fakkeenna gaara irratti sitti mudhisee sanitti dhaabi. «Golgaa isaallee uffata bulee Samii fakkaatu, diimaa dhiilge'ee fi uffata jirbii irraa hojjatamee tolchi; fakii kiruubeelii hojjataa ogeessaan golgaa san irratti kaasi. waan kanniin utubaawwan arfan muka ajo'oo irraa hojjatame ka worqi'iin uwwifame irratti fannis; wonti itti fannifamullee worqii irraa, lutti isaallee birrii irraa haa ta'uu. Golgaa sanniin hookkoowwan garaa jalaatitti rarraafta; golgaa san keessa saanduuqa raga'aa galchi; golgaan sun ta hulee Woyyuu Woyyoota keessaa adda footu haa taatuu. Achiin maayessa Saanduuqa Waada'aa qadaada araaraatiin qadaadi; gabataa Woyyuu Woyyootaatiin ala, daasee gara mirgaatiin kaayi; baattuu ibsa'aa gara bita'aatiin kaayi. «Balbala daase'ee golgaa isaa carqii bulee akka Sami'ii, diimaa dhiilge'ee fi uffata jirbii mishaa irraa hojjatame godhiif. Golgaa sanniinii fi utubaawwan shanan muka ajo'oo irraa hojjatame godhii worqi'iin uwwis; fannoonillee worqii irraa ka hojjatamee fi ka luka shanii qabu haa ta'uu. «Hulee ciinca'aa ka dheerinni isaa ciqilee shanii, dalgillee ciqilee shanii muka ajo'oo irraa hojjadhu; inni ka roga afurii qabu haa ta'uu; hojjaan isaa ciqilee sadihii haa ta'uu. Roga arfanittuu gaafa godhiif; gaafni sunniinillee ka isaan wolitti hojjatame haa ta'uu; sibiila diima'aan uwwisi. Xuwweewwan daaraa ibiddaa itti buusan, ka ibidda ittiin qabsiisan, kereewwan, qadhabaawwan, girgiraawwan ibidda itti bobeessanillee hojjadhu; meeshaa sanniin maraa sibiila diimaa irraa hojjadhu. Sibiila akka gingilcha'aatitti hojjatameen kali; kaloo saniif roga arfaniifuu qaalofni isaa arfanuu ka sibiila diimaa irraa hojjatame haa ta'uu. Kaloon sun haga hulee ciinca'aa wodhakka'aan bawutti qacce'ee gadi godhi; hulee ciinca'aatiif loosaa muka ajo'oo irraa hojjadhuutii sibiila diima'aan uwwisi. Loosaa qaalawwan keessa naqi; hennaa waan ciincaa irratti dhiyeessan baadhattan, loosaan sunniin gama lamaaniinuu haa bawuu. Akkuma fakkeenna gaara irratti sitti mudhiseetitti hulee ciinca'aa cufanaa irraa hojjadhu; keessi isaa akkasuma duwwaa haa ta'uu. «Hulee bulti'ii afoo ka raasaa itti gad bayanii gara bita'aatiin golgaa waan mishaa irraa hojjatame godhiif; dheerinni gama tokkoo ciqilee dhibbaa haa ta'uu. Utubaawwan diddamaatii fi miila diddamaa ka sibiila diimaa irraa hojjataman godhiif; huleen itti fannisanii fi soomayyuun isaa ka birrii irraa hojjatame haa ta'uu. Akkasuma gara mirgaatiinillee golgaa dheerinni isaa ciqilee dhibbaa ta'e, utubaawwan diddamaa ka sibiila diimaa irraa hojjatamee fi miila diddamaa godhiif; utubaawwan sanniinitti fannoo birri'iitii fi soomayyuu hojjadhuuf; luka diddamaa godhiif; Golgaan hulee itti gad bayanii ciqilee shantamaa, utubaawwan kudhaniitii fi miila kudhanii haa qabaatanii. Gara bariisa'aatiin badhinni hulee itti gad bayanii ciqilee shantamaa haa ta'uu. Gama tokkoon dheerinni golgaa ciqilee kudha shan haa ta'uu; utubaanii fi miilli sadihi sadihi haa ta'u. Gama kaaniinillee dheerinni golgaa ciqilee kudha shan haa ta'uu; utubaanii fi miilli sadihi sadihi haa ta'uu. Golgaa hulee itti gad bayanii afo'oo carqii bulee akka Sami'ii, diimaa dhiilgee, uffata mishaa jirbii irraa hojjatamee fi ka jirbiin carqi'ii irratti saamsame ciqilee diddamaa haa ta'uu; utubaawwan isaa afur, miilli isaallee afur haa ta'uu. Utubaawwan naannaya hulee itti gad bayanii jiran maraa soomayyuu birri'ii itti godhi; makkallaawwan birrii irraa, miila isaanii sibiila diimaa irraa hojjadhu. Dheerinni hulee itti gad bayanii ciqilee dhibbaa, badhinni ciqilee shantamaa haa ta'uu; ol dheerinni golgaa ciqilee shan, golgaanillee uffata mishaa jirbii irraa hojjatamee fi miilli isaa ka sibiila diimaa irraa hojjatame haa ta'uu. Meeshaan tajaajilaa ka hulee bulti'ii maruu, xiribbaawwan hulee itti gad bayan dhaabaniin maruu ka sibiila diima'aa haa ta'uu. Ati hennaa maraa akka isaan ibsaa ibsan sayitii ejersaa ka dhimbiibame ijoolleen Israa'elii akka sii fidan ajaji. Aaroonii fi ijoolleen isaa galgalaa haga ganamaa daasee itti wol gayan keessatti golgaa saanduundhi waada'aa taa'uun alatti Rabbiin afo'otti akka ifu haa qopheessanii; seerri kun Israa'elii fi ijoollee ijoollee isaaniitii seera bara baraa haa ta'uu. Ati obboleessa kee Aaroonii fi ijoollee Israa'elii keessaa ijoollee Aaroonii Naadaabiin, Abiyuudiin, Alaasarii fi Itaamiriin akka gadoota naa ta'an naa fooyi. Uffata ulfinnaatii fi ka qandhafaa obboleessa kee Aaroonii hojjadhu. Ati akka Aaroon woyyuu ta'ee naa hojjatu worra ayyaana ogumma'aa qabuu fi worra ogeeyyii ta'an marattuu akka uffata isaa hojjatan isaanitti himi. Uffanni isaan hojjatanillee ka uffata qomaa qabu, qamisii babarruu gad diratan, Efuudii, Shinshinii, Shamisii, waan mata'atti maratanii fi ka sabbata hidhataniin qabu haa ta'uu; uffata seeraa kanniin akka gadoota naa ta'aniif obboleessa kee Aaroonii fi ijoollee isaatii haa hojjatanii. Worqii'i, uffata bulee akka Sami'ii, diimaa dhiilge'ee fi uffata mishaa jirbii irraa haa hojjatanii. «Efuudiillee worqi'ii fi jirbii fooya'aa mishaa ka bifa Sami'ii, diimaa dhiilgee irraa ogeessi mishaan ogumma'aan hojjate haa ta'uu. Gamni lachuu akka tokko ta'u ka ceekuu lamaan irratti wal gawu haa ta'uu. Efuudii gubba'aan sabbata hidhataniin qabu ka ogumma'aan wolitti diddirame, ka biraallee ka gad diratan isaan woliin tokko haa ta'uu; ka worqii irraa hojjatame, bulee bifa Sami'ii, diimaa dhiilge'ee fi ka jirbii fooyame irraa hojjatame haa ta'uu. Dhagaa gatii gudda'aa lama fuudhii maqaa ijoollee Israa'elii irratti qirqidi; akkuma dhaloota isaaniitiin dhagaa tokko irratti maqaa jaha; dhagaa kaan irrattillee maqaa jahaa qirqidi. Akka hujii namni ogeessi hojjatuutiin akka chaappa'aa godhee maqaa ijoollee Israa'elii dhagaa lama irratti haa qirqiduu; dhagaan lamaa sunniin worqi'iin haa dibamuu. Dhagaan lamaan kunniin yaadannoo ijoollee Israa'elii akka ta'u dhagaa gatii gudda'aa lamaan carqii ceekuu irraatiin akka wol qabatu goota; Aaroon maqaan isaanii yaadanno'oof akka ta'u gurmuu ufii lamaan irratti Rabbiin afo'otti baadhata. Uffata qomaa ka fedha Rabbii ittiin gaafatan akka ogeessi hojjatutti hodhiif; akkuma kiisii qomaatitti hojjatta; worqii irraa, bulee bifa Sami'ii irraa, diimaa dhiilge'ee fi uffata mishaa jirbii irraa hojjadhu. Dheerinni taakkuu tokko, badhinnillee taakkuu tokkoon dachaa ta'ee sirri'itti haa hojjatamuu. Tartiiba afuriin lootii itti godhi; tartiiba duraatitti dhagaa gatii gudda'aa, sardiyoon, toophaaziyoon, dhagaa gatii gudda'aa ka calalaqu, tartiiba lammeesso'oo irratti baluur, sampeerii fi Almaas; tartiiba sadeesso'ootitti yaakinti, qerqedoonii fi ameeteesxiroon; tartiiba arfeesso'ootitti Biralee, dhagaa gatii gudda'aa, Iyyaasphiid; kanniin marattuu lootii worqi'iititu itti godhama. Dhagaan gatii gudda'aa sunniin akkuma maqaa ijoollee Israa'eliitiin kudha lama akka chaappa'aatitti haa qirqidamuu; kunniin gosa Israa'elii maqaa ijoollee Yaaqoobii kudha lama haa ta'uu. Uffata qomaatiif miseensa akka haadaatitti miseenfame worqii mishaa irraa hojjadhu. Uffata qomaa irratti qubee worqi'ii lamaan hojjadhuuf; qubee lamaan sanniin kiisii gama lamaanii irratti godhi. Achiin maayessa haada miseenfame ka worqi'ii san haada uffata qomaa lamaan keessa galchita. Qaccee haada lamaanii san lootii lamaan keessa seensiftee gurmuu efuudi'ii irratti afo'oon wolitti seensifta. qubeewwan lamaan worqi'iillee hojjadhu; isaan qaccee lamaan uffata qomaa ka efuudii jalaan jiru irra goota. Akkasuma ammallee qubee worqi'ii lamaan hojjatta; efuudii bobaa jalaan malaan haga wolitti hiiteen maayessa qoma gubbaa deebiftee qabata sanniin wol qabsiifta. Uffanni qomaa malaan haga wolitti hidhame akka adda hin baane uffata qomaa gubbaa haa ta'uu; qomni akka gargar hin baane, qubeewwan uffata qomaa irra jiran qubeewwan uffata efuudii irra jiraniin jirbii bule'een wolitti hidhi. Aaroon hennaa gara mana Woyyuu seene Rabbiin afo'otti seera murti'ii qoma ufii irratti baraa haga bara baraa maqaa gosa ijoollee Israa'eliitiif haa baadhatuu. Uriimii fi tumiim akka seera kiyya ittiin beettu uffata qomaa irra kaayatta; kun hennaa Rabbiin afoo dhufte hennaa maraa qoma Aaroonii irra taa'a; Aaroon hennaa maraa Rabbiin afo'otti seera murtii ijoollee Israa'elii qoma ufii irratti baadhata. Shinshinii Efuudii gubba'aan uffatan maraa bulee bifa Sami'ii godhi; wodhakka'aan qaalawa mormaa itti baasi; akka hin biinxamne jirbi'iin naannaya mormaa goodi. qaccee jalaan naannoo isaallee bulee bifa Sami'ii, diimaa dhiilgee, diimaa qaraaruu akka fakii roomaani'iitiin godhi; naannaya qaccee isaa worqii shaka shaka jedhu itti godhi. Shakkisaan worqi'ii diimaan qaraaruunii fi shakkisaan diimaan qaraaruun naannaya isaa maraa irra haa ta'uu. Aaroon hennaa tajaajilu shinshinii kana haa uffatuu; hulee woyyitti'iititti yoo na afoo dhufe yookaan hennaa achii bawu ani laagaa shaka shaka jedhu yoo dhagaye inni du'a oola. «Worqii mishaa irraa malkata baala fakkaatu hojjadhu; isa irrattillee fakii chaappa'aatiin affarroo itti baasii jecha ‹Woyyummaan Rabbiif› jedhu irratti qirqidi. Jirbii bulee bifa Sami'iitiin marata biratti gara afo'ootiin rarraafta. Kun kallacha Aaroonii irra taa'a; wonti kun cubbuu kennaa woyyuu ijoolleen Israa'elii Rabbiif dhiyeessitu maraa irra jiru baadhata; Rabbiin afo'otti akka gaachena isaanii ta'u hennaa maraa malkanni baala fakkaatu kallacha isaa irra haa ta'uu. Shamisii jirbi'ii mishaa babarruu godhii marata jirbii irraa hojjadhu; sabbatallee akka waan jirbi'iin saamsameetitti hojjatta. Ijoollee Aarooniitiif shamisii, sabbata mudhi'iitii fi qoobii ulfinnaa ka qandhafaa goota. Waan kanniin maraa Aaroonii fi ijoollee isaatitti uwwisi; gadumma'aan akka naa hojjatan dhadhaa ejersaatiin isaan muudda; gadoota isaan goota; isaan woyyoomsita; akka qaama saalaa dhoffatan garaa jalaan boggee jirbii irraa hojjatame isaanii goota; boggeen sun mudhii irraa ka'ee haga gudeedaa gaya; cubbuu isaanitti ta'ee akka hin duune Aaroonii fi ijoolleen Aroonii hennaa daasee seenanii tajaajilan gara hulee ciinca'aa hennaa dhiyaatan kunniin hennaa maraa seera baraa haga bara baraa isaaniif haa ta'uu. «Gadumma'aan akka na tajaajilan wonti ati isaan woyyoomsu'uuf gootu kana; jibicha mudaa hin qabnee fi korbeeyyii hoola'aa lama ta mudaa hin qabne qopheessi; xoroshoo, buddeena, bixilee dhadha'aan sukkuumamee fi xoroshoo haphii dhadha'aan dibame daakuu qamadi'ii irraa qopheessi; Waan kana maraa masoobii tokkocha irra kaayii jibichaa fi korbeeyyii lamaan woliin dhiyeessi. Aaroonii fi ijoollee isaa gara daasee wol gayi'ii fidiitii bisaaniin nafa isaanii dhiqi. Kanaan maayessa Aarooniin uffata gadumma'aa, shamisii, Efuudii, shinshinii efuudii irraan uffatan ka qomaa itti uwwifta; sabbata seeraan akka misha'atti dhayame hidhachiifta. Maratallee mata'atti mariif; badhaasa woyyoome marata san irra goota. Dhadhaa fuutee mataa isaa irratti buufta; hin muuddalle'e. Ijoollee isaallee fuutee shamisoota itti uwwifta; mudhii Aarooniitii fi mudhii ijoollee isaa sabbataan hidhi; qoobiillee itti gootee gadoota isaan goota; seerri gadumma'aa kun baraa haga bara baraa isaaniif ta'a. Mirgoo gara daasee wol gayi'ii fidiitii Aaroonii fi ijoolleen isaa harka isaanii mataa mirgo'oo irra haa kaayanii. Mirgoo balbala daasee wol gayanitti Rabbiin afoo fidii goorra'i. Dhiiga mirgo'oo san irraa qubaan fuudhii gaaffan hulee ciinca'aa dibi; dhiiga hafe maraa hulee ciinca'aa jalatti jissita. Moora madhumaan gara'aa maraa, cooma tiru'uutii fi kalee lamaan irra jiru fuudhiitii hulee ciinca'aa irratti ciinceessi. Foon mirgo'oo, gogaa isaa, mi'a gara'aa ka hafe maraa ammo qe'e'ee baaftee ibiddaan gubda; kun ciincaa cubbu'uuti. Korbeeyyii lamaan keessaa korbeessa hoola'aa tokkocha fuutee Aaroonii fi ijoolleen isaa harka isaanii kallacha korbeessa hoola'aa irra haa kaayanii; korbeessa hoola'aa san qaltee dhiiga isaa fuutee naannaya ciinca'aatitti facaafta; korbeessa hoola'aa san fuutee foon roga roga isaatiin mummurtee mi'a gara'aatii fi kottee arfanuu miiccee ka roga rogaan kukkutte san woliin keetta. Achiin maayessa foon korbeessa hoola'aa san marumaa hulee ciinca'aatitti ciincessita; kun ciincaa Rabbiif ciincawuu fi ciincaa urgaawu; kun ciincaa Rabbiin gammachiisu ka ibidda irratti gubamu. Hoolaa lammeesso'oollee fuutee Aaroonii fi ijoolleen Aaroonii harka isaanii kallacha isaa irra kaayan. Hoolaa san qaltee dhiiga isaa fuutee qaccee gurra Aaroonii ka mirgaatii fi qaccee gurra ijoollee Aaroonii ka mirgaa, quba luka mirgaa abbuuddichaa fi quba harkaa isaanii abbuuddichaan tuxxa; dhiiga hafe hulee naannaya ciinca'aatitti facaafta. Dhiiga hulee ciinca'aa jiruu fi dhadhaa irraallee diqqoo fuudhii uffata Aarooniitii fi uffata ijoollee isaa maraa irraati facaasi; inni, uffanni isaa, ijoolleen isaa, uffanni ijoollee isaallee isuma woliin woyyooman. Akkasuma ka ittiin gadaa ta'an korbeessa hoola'aa waan ta'eef cooma hoola'aa, duma isaa, cooma mi'a gara'aa dhossu, moora tiruu irratti maramu, cooma kalee lamaan irra jiruu fi irree mirgaallee hin fuutu. Buddeena tokkoo fi buddeena dhadha'aa tokko, xoroshoo haphii, xoroshoo masoobi'ii ka Rabbiin afoo jiru fuutee harka Aarooniitii fi harka ijoollee Aaroonii keessa keetta; kennaa Rabbiin afo'otti sosocho'u gootee dhiyeessita. Harka isaaniitii fuutee ciincaa ciincawu woliin Rabbiin afo'otti urgaa mishaa akka ta'u gubda; kun kennaa ibiddaan Rabbiif dhiyaatu. Handaraafa hoolaa gadummaa Aarooniitiif qalame fuutee ciincaa Rabbii gootee afoo Rabbiititti sochoofta; kun seera kee ta'a. Korbeessa hoola'aa ka ittiin gadaa ta'u'uuf fuudhan waan Aarooniitii fi ijoollee isaatiif seera ta'u handaraafa ciinca'aaf sochoofamuu fi irree achi keessaa fuudhame hin foota. Baniin kiyya hennaa kennaa tokkumma'aa dhiyeessan handaraafa horii qalameetii fi luka duubaa Aaroonii fi ijoollee isaatiif gayee akka ta'u murteesseera; murtiinillee seera baraa haga bara baraa ta'a; kun kennaa baniin ana Rabbiif dhiyeessu. «Uffanni woyyuun Aaroonii ka inni ittiin gadaa ta'e isaan maayessallee ijoollee isaatiif haa ta'uu. Ijoollee keessaa ka gadaa ta'ee mana Woyyuu keessatti tajaajilu daasee wol gayi'ii keessa hennaa seenu guyyaa torbaaf haa uffatuu. Korbeessa hoola'aa ka ittiin gadaa ta'u fuutee foon isaa hulee woyyu'utti affeelta. Ijoolleen Aaroonii foon korbeessa hoola'aa san, buddeena masoobii keessa jirullee balbala daasee wol gayi'iititti haa nyaatanii. Buddeena yookaan foon ittiin gadaa ta'anii fi waan araaraatiif ka isaanii ta'e kana irraa haa nyaatanii; namni biraa ammo akka hin nyaanne waan woyyoomeeruuf. Buddeena yookaan foon ittiin gadaa ta'an yoo hafee bule waan hafe san waan woyyuu ta'eef hin nyaattamu. Akkuma ani si ajaje Aaroonii fi ijoollee isaatiillee kana godhi; guyyaa torbaaf gadaa isa taasifta. Guyya guyya'aan waan araara cubbu'uutiif jibicha ciincaa dhiyeessita; haga waan araaraa gooteen maayessa hulee ciinca'aa hin midhaassita; akka woyyuu ta'uufillee dhadhaa ejersaa dibda. Guyyaa torbaa hulee ciinca'aatitti waan araaraatiif qaltee woyyoomsita; huleen ciinca'aallee Woyyuu Woyyoota keessaa ta'a; ka hulee ciinca'aa tuqe maruu hin woyyooma. Hulee ciinca'aa sanitti ka ati dhiyeessitu kana; guyya guyya'aan hennaa maraa korbeeyyii lamaa wogga'aaf dhiyeessita. Korbeessa tokko ganama dhiyeessita; korbeessa lammeesso'oo galgala dhiyeessita. Korbeessa duraa woliin daakuu qamadi'ii kiiloo tokko, sayitii ejersaa ka dhimbiibamee sukkuumameen kennaa dhugan liitirii tokko dhiyeessi. Korbeessa lammeesso'oo ammo galgala qalta; akkuma ka ganamaa kennaa nyaataatii fi dhuddo'oo gootee dhiyeessita; Rabbiif kennaa urgaawu ta'a. Yoo ani si woliin qaaqu'uuf balbala daasee wol gayi'ii dhufe kun Rabbiin afo'otti ciincaa hennaa maraa ciincawu ta'a. Ijoollee Israa'elii woliin achitti argama; daaseenillee ulfinna kiyyaan woyyooma. Daasee balbala wol gayi'iitii fi hulee ciinca'aallee hin woyyoomsita; Aaroonii fi ijoollee Aaroonii akka isaan gadumma'aan na tajaajilan isaan woyyoomsa. Ijoollee Israa'elii jidduu jiraadha; Waaqa isaanii ta'a. Akka ani Rabbii Waaqa isaanii ta'ee isaan jidduu jiraadhee biyya Misiriitii isaan baase hin beekan; ani Rabbi Waaqa isaaniiti. «Hulee ciinca'aa ka hixaana itti aarsan muka ajo'oo irraa hojjadhu; dheerinni isaa ciqilee tokko, badhinni ciqilee tokkoo fi ka roga afurii qabu haa ta'uu; ol fageenni ciqilee lama haa ta'uu; gaaffanillee wolitti qabsiisii itti hojjadhu; naannaya girgidda'aa ka gubba'aa gaafa isaa worqii misha'aan uwwifta; naannaya isaallee worqi'iin goodda. Gooda'aa gaditti qaalawa qubee worqi'ii lama itti hojjadhu; gama lachiifuu akkasuma goota; hulee loosaa ittiin baatanillee itti godhi. Moloogoota muka ajo'oo irraa hojjadhuu worqi'iin uwwis. Afoo saanduuqa waada'aa ka raga'aa golga afo'oon goota; kanallee hennaa ani sitti dhufu afoo qadaada cubbuun ittiin dhiifamu irra keetta. Aaroon hixaana urgaa misha'aa irratti haa aarsuu; ganama ganama hennaa ibsaan ife hixaanni itti haa aaruu. Kun hennaa maraa Rabbiin afo'otti hixaana hennaa maraa ilma ilma keessaniitii ta'u akka ta'u Aaroon galgala hennaa ibsaa ibsu aarsa. Hixaana biraa kennaa midhaanii ka ciincawu irratti hin dhiyeessin; kennaa dhuddo'oollee irratti hin buusin. Aaroon woggaa keessa harka tokko gaaffan irratti waan araaraa godha; woggaa keessa harka tokko waan araara ijoollee teessaniitiif ta'u ciincaa dhiigaa ka cubbu'uu irratti godha; kun ka Rabbiif woyyoome. Rabbi Muuse'een akkana jedhe; «Ati hennaa ijoollee Israa'elii laakkoftu akka balaan isaan irra hin geenne namni maruu akkuma laakkobsa isaaniitiin waan lubbuu ufii ittiin furu Rabbii haa kennuu. Worri laakkayame maruu akkuma kennaa mana woyyumma'aatiin saqilii madaallii wodhakkaa kenna; saqilii wodhakkaa Rabbiif keessaa fuudha; kun haga dhagaa diddamaa ta'a; ka itti eda'amee laakkayame maruu woggaa diddamaa irraa jalqabee worri achii oliillee Rabbii kennaa kenna; araara lubbuu keessaniitiif Rabbii kennaa yoo kennitan dureessi wodhakkaa hin hanqisin; hiyyeessillee hin dhidhisin. Saqilii araara cubbu'uu ijoollee Israa'elii irraa fuutee tajaajila daasee wol gayi'iitiif goota; afoo Rabbiititti akka furama lubbuu keessanii isinii ta'u yaadannoo ijoollee Israa'elii haa ta'uu. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Saanii irratti dhiqatanii fi waan isa irra kaayan sibiila diimaa irraa hojjadhu; isa hulee wol geettii daase'eetii fi hulee ciinca'aa wodhakkaa keettee bisaan itti buufta. Aaroonii fi ijoolleen isaa harkaa fi miila ufii irratti dhiqatan. Hennaa gara daasee wol gayi'ii seenan hennaa Rabbiif ciincaa ibiddaan guban dhiyeessanii fi hennaa ciincaa dhiyeessan akka hin duune haa dhiqatanii. Kanaafuu akka hin duune harkaa fi miila ufii haa dhiqatanii; kun isaa fi sanyii isaa maraafuu seera baraa haga bara baraa haa ta'uu» Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Urgoo ulfinnaa fuudhii karbee filatamaa saqilii dhibba shanii, qumbii saqilii dhibba lamaa fi shantama, qarafaa mi'aawaa saqilii dhibba lamaa fi shantama, akkasuma urgoo hixichoo irraallee saqilii dhibba lamaa fi shantama; wokkaashee saqilii dhibba shanii, dhadhaa ejersaa liitirii afurii fuudhii; Dhadhaa dibataa akka urgooftuu adda addaatiin ogeessi hojjateetitti hojjatta; inni dhadhaa dibataa woyyuu ta'a. Dhadhaa dibataa san daasee wol gayi'ii keessatti saanduuqa waada'aa ka raga'aa, gabata'aa fi mi'a maraa, baattuu ibsa'aatii fi meeshaa isaa, girgiraa, ciincaa hixaana itti aarsan, meeshaa ciincaan gubamu irratti godhamu maraa, saanii harka irratti dhiqatanii fi waan inni irra taa'ullee hin dibda. Maraa woyyoomsitee Woyyuu woyyoota keessaa ta'an; namni meeshaa kanniin tuqu maruu hin woyyooma. Akka gadumma'aan na tajaajilan Aaroonii fi ijoollee isaa muudii woyyoomsi. Atillee ijoollee Israa'eliitiin ‹Kun ijoollee ijoollee teessaniitiif dibata woyyuu naa haa ta'uu; dibata kana nafa namaa irratti hin buusin; dhadhaa dibataa ka biraa ka akkasii hin hojjatinaa'a; inni woyyuu waan ta'eef isinillee woyyoota ta'aa'a. Namni akkas godhuu fi ka nafa nama biraa irrattillee buusu banii keessaa fooyamee haa baduu› » Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Urgooftuu mishaa, ham'ee coccophu, elellaan urgaawu, ham'ee muka urgaawuu, hixaana mishaa fuudhii maraa wol qixa godhi. Akkuma urgooftuu ogeessi hojjateetitti atillee hixaana akka qulqullaayee woyyoomu sooqiddaan sukkuumi. Isa irraa diqqoo fuudhii tumii bulleessi; achii fuutee daasee anii fi ati keessatti wol geennu ka raga'aa afoo keetta; inni Woyyuu Woyyoota keessaa isinii haa ta'uu. Isin hixaana akkasii san ufiif hin godhatinaa'a; isin birattillee ka Rabbiif woyyoome haa ta'uu. Namni waan akkasii san ulate banii keessaa fooyamee haa baduu» Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ila ani ilma ilma Hoorii ilma Uurii Baasili'eelii gosa Yihuuda'aa maqaa isaatiin waameera. Hafuurri Rabbii hujii isaa maraan ogummaa'a, hubanna'aa fi beekkumsa akka argatu itti guuteera; akka hujii ogumma'aan hubatu, akka worqii, birrii, sibiila diimaa, akka dhagaa ijaarsaa tolchu, akka muka bocu, waan gara garaa midhaassee akka hojjatuuf. Akka isa woliin hojjatu gosa Daanii keessaa ilma Ahisaamikii Eeliyaabiin kenneeraaf; waan ani si ajaje maraa akka godhaniif ogummaa onnee ogeeyyii maraa keessa godheera. Daasee wol gayi'ii, saanduuqa waada'aatii fi meeshaa qadaada isaa ka isa irra jiruu fi meeshaa daase'ee maraa, Gabataa, meeshaa baattuu ibsa'aa woliin woyyoome maraa, girgiraa hixaanaa, hulee ciincaan irratti gubamu, meeshaa ciincaan irratti dhiyaatu maraa, saanii irratti dhiqatanii fi waan isa irra kaayan, uffata ogumma'aan hojjatame, uffata gadumma'aan ittiin na tajaajilan, uffata Aaroonii ka gadumma'aa, uffata ijoollee isaa maraa, Dhadhaa dibataa ka mana woyyumma'aatiif ta'uu fi hixaana urgaan isaa misha'aa akkuma ani si ajaje haa godhanii» Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; ani Rabbii isin woyyoomsu akka ta'e akka beettan, anaa fi isin, ijoollee ijoollee teessaniitiif woyyuu akka ta'u Sambata kiyya eegaa'a. Kanaafuu Sambanni anaa fi isin jiddu'utti malkata waan ta'eef eegaa'a; namni sambata hin eenne maruu haa ajjeefamuu; ka guyyaa Sambataatiin hujii hojjatu maruu banii wodhakka'aa fooyamee haa baduu. Guyyaa jahaa hujii kee hojjadhu; guyyaan torbeesso'oo ammo guyyaa hara baafataa ka Rabbiif woyyoome; ka guyyaa Sambataa hujii hojjatu maruu sirima haa ajjeefamuu. Ijoolleen Israa'elii, ijoolleen ijoollee isaanii waadaa baraa haga bara baraa ta'e Sambata hara baafatu'uun haa eeganii. Waan Rabbi Ardi'ii fi Samii guyyoota jahaa keessatti uumee guyyaa torbeesso'oo hujii ufii maraa irraa hara baafateef; anaa fi ijoollee Israa'elii jiddu'utti malkata waadaa baraa haga bara baraa haa ta'uu» Rabbi haga Muusee woliin gaara Siina'aa irratti waan dubbate raawwateen maayessa gabatee dhaga'aa ka raga'aa lamaan ka harka Rabbiitiin irratti barreeffame fuudhee kenneef. Muuseen gaara irraa uduu hin buune turraan baniin gara Aaroonii dacha'ee, «Muuseen biyya Misirii keessaa nu baase maal akka ta'e waan hin beenneef ka'iitii waaqolee afoo keenna deeman nuu hojjadhu» jedhaniin. Aaroonillee, «Worqii gurraatii fi qubee haadha manaa teessanii, ka ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta intalaallee guura'aatii natti fidaa'a» isaaniin jedhe. kanaafuu baniin maruu worqii gurraa fi quba isaanii maraa baasanii Aaroonitti fidan. Innillee isaan irraa fuudhee ibidda keessatti bassee waatii hojjate; Innillee, «Israa'el! kunniin waaqolee kee ka biyya Misiriitii si baasan!» isaaniin jedhe. Aaroon haga kana arge hulee ciinca'aa qopheessee «Boru ayyaana Rabbiiti» jedhee labse. Ganama obboroo ka'anii ciincaa gubamuu fi ciincaa fayyinnaa dhiyeessan; baniinillee taa'ee nyaatee dhugee sirbu'uuf lafaa ka'e. Rabbi Muuse'een, «Baniin ani biyya Misirii keessaa baase cubbuu hujaniiranii, deemii gad bu'i. Karaa ani isaan ajaje irraa dafanii goranii, fakii waati'ii ufiif hojjatanii sagadaniifii ciincaa dhiyeessaniif; Israa'el ‹kunniin waaqolee biyya Misiriitii isin baasan› jedhee dubbate. Rabbi Muuse'een baniin kun banii lum'a jabaatu akka ta'e argeera, ani lola kiyyaan isaan gubee akka isaan balleessu na dhiisi; si ammo nama abbaa banii gudda'aa si taasisaa» jedheen. Muuseen Rabbii Waaqa ufii afo'otti «Yaa Rabbi; isaan baaftee isaan irratti maaf guddiftee aartee lolte? Worri biyya Misirii ‹gaara jiddu'utti fixee lafa irraa isaan balleessu'uuf waan hama'aaf isaan baase› jedhanii maaf dubbatan? Lola irraa deebi'i; banii kee ka dhara hujee garaa laafi. Fiixaa keessan akka urjii Sami'ii baay'isa, lafa tanallee fiixaa teessan maraaf kenna; dhaala baraa haga bara baraa isaanii taati jettee akkuma ufiin isaanii kakatte, garboota tee Abrahaam, Yisaaqii fi Israa'eliin qaabadhu» jedhee kadhate. Kanaafuu Rabbi banii cubbuu hojjate sanii garaa laafe. Kanaan maayessa Muuseen deebi'ee dhagaa baxxee waada'aa lamaan harkatti qabatee gaara irraa gad bu'e; dhagaan baxxeen waada'aa gamaa fi gamanaan barreeffama qaba. Dhagaan baxxeen sunniin hujii harka Rabbiiti; barreffamni dhagaa baxxee irratti qirqidamellee harka Rabbiitiin barreeffame. Iyyaasuun laagaa ililtaa bani'ii dhagayee Muuse'een «Safara keessa laagaa ililta'aatitu jira» jedheen. Innillee, «kun laagaa worra mooyanii yookaan laagaa worra mooyamaniitii miti; garuu ani laagaa sirbaa dhagaya'aara» jedheen. Gara safaraa hennaa dhiyaatu banii sirbuu fi waatii argee Muuseen aari'iin bobayee dhagaa baxxee waada'aa gaara jalatti caccabse. Waatii tolfame san fuudhee ibiddaan bassee akka daaraa ta'utti daakee daaraa san bisaanitti firfirsee banii Israa'elii obaase. Muuseen Aarooniin «Banii maal gootee cubbuu guddaa kana isaanitti fidde?» Jedheen. Aaroonillee, «Gooftaa kiyya hin aarin; baniin kun akka dhara jaalatu atuu hin beetta. Isaan, ‹Muuseen biyya Misiriitii nu baase kun maal akka ta'e hin beennuu; kanaafuu waaqolee afoo keenna deeman nuu huji› naan jedhan. Anillee namni isin keessaa worqii qabu uf irraa ciree natti haa fiduu isaaniin jedhe; isaan natti fidan, anillee ibidda keessa buuse innillee waatii ta'e» jedheen. Muuseen Aaroon akka baniin diintota ufii afo'otti salphatan, banii akka adaba dhaban akka gad dhiiseeru hennaa arge, safaraa afoo dhaabatee «Namni Rabbii gara kiyya haa dhufuu!» jedhe; ijoolleen Leewwi'ii maruu isa biratti wol gayan. Innillee Rabbi Waandhi Israa'elii «Namni keessan maruu guraadee mudhii ufiititti haa hidhatuu; ganda keessa asii fi achi haa deddeemuu; namni keessan maruu obboleessa ufii, goshoo ufiitii fi ollaa ufii haa ajjeesuu» isaaniin jedhe. Ilmaan Leewwi'iillee akkuma Muuseen jedhe godhan; gaafa san banii keessaa namoota kuma sadihiititu dhume. Muuseenillee, «Akka Rabbi eebba isinii buusu adha marti keessanuu harka keessan ijoollee teessanii fi obboleewwan keessaniif woyyoomsaa'a» jedhe. Haga lafti bariite Muuseen bani'iin «Isin cubbuu guddaa hojjattaniirtan; ani amma gara Rabbii ol bayaa maal laataa cubbuu keessan isinii dhiisisiisa» isaaniin jedhe. Muuseen gara gaara Rabbii ol bayee «Bade! baniin kun cubbuu guddaa hojjateera; worqii irraa fakkeenna waaqole'ee ufiif hojjateera. Amma cubbuu kana isaanii dhiisi! Yoo waan isaanii hin araaramne ta'e ammo yabo'oo galmee maqaa banii keetii itti barreessite irraa yabo'oo maqaa kiyya haqi» jedhe. Rabbi Muuse'een «Nama na yakke san galmee kiyya irraa haqa. Ammallee deemiitii gara ani siin jedhe isaan masakki; maleekkaan kiyya si afoo deema; inni hennaa isaan tooyatu cubbuu isaaniitiif isaan adaba» jedheen. Akka Aaroon fakii waati'ii isaaniif hojjatuuf waan isa giddisiisaniif Rabbi bani'itti dhukkuba ulfaataa erge. Baniinillee dubbii hamaa kana dhagayee gadde; isaan keessaa eennullee uffata qandhafaa hin uffanne. Rabbi Muuse'een, «Ijoollee Israa'eliitiin isin banii lum'a jabaatu; ani yoo isin jidduu lufe isin balleessa; amma waan isinii huju akka beettan uffata qandhafaa keessan uf irraa mulqaa'a; isaaniin jedhi» jedheen. Kanaaf ijoolleen Israa'elii gaara kooreebiititti uffata qandhafaa maraa mulqatan. Muuseen daasee fuudhee qe'ee irraa fageessee dhaabee «Daasee wol gayi'ii» jedhee maqaa itti baase; namni Rabbiin soqu maruu gara daasee wol gayi'ii ka qe'een alatti dhaabame sanii dhaqa. Muuseen hennaa gara daase'ee dhaqu namni maruu ol ka'ee dhaabataaf; namni maruu balbala daasee wol gayi'ii afoo dhaabata; haga Muuseen daasee keessa seenuuf baniin dhaabatee isa laala. Hennaa Muuseen daasee seene utubaan duumessaa bu'ee balbala daasee wol gayi'ii afoo dhaabata; Rabbi duumessa keessaan Muuse'etti dubbata'aa ture. Baniin maruu hennaa ultubaan duumessaa balbala daasee wol gayi'ii afo'otti bu'u arganii daasee afo'otti jilbiiffatanii sagadan. Rabbi akkuma namni goshoo ufii woliin qaaqutti Muusee woliin qaaqa'aa ture; hennaa Muuseen gara qe'e'ee deebi'u gargaaraan isaa ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun daasee keessaa hin dhabamu ture. Muuseenillee Rabbiin akkana jedhe, «Kunoo ati banii kana asii baasi naan jetta; garuu ka na woliin ergitu na hin beessifne; ati maqaa keetiin si beekeera; na afo'ottillee gaachena argatteerta naan jette; amma yoo si afo'otti gaachena argadhee jiraadhe akka si beekuu fi akka si afo'otti gaachena argadhu yabo'oo karaa kee natti mudhisi; baniin kunillee akka banii kee ta'e laali» Rabbillee, «Ani si woliin deema; harallee si baafachiisa» jedheen. Innillee, «Ati yoo ka ufii nu woliin hin baanee asii nu hin baasin; ati yoo ka nu woliin hin baane anii fi baniin kun banii biyya lafaa jiru afo'otti gaachena argachuun keenna maali'iin beekkama?» Jedhe. Rabbi Muuse'een, «Na afo'otti gaachena waan argattee fi waan si beekeef waan jette kana maraa hin godha» jedheen. Innillee «Yabo'oo ulfinna kee natti mudhisi» jedhe. Rabbi «Ani mishummaa kiyya maraa sitti mudhisa; maqaa kiyyallee si afo'otti labsa; ka araaramuuf hin araarama; ka dhiifama barbaachisuuf hin dhiisaaf. Namni fuula kiyya argee waan jiraachuu hin dandeenneef ati fuula kiyya arguu hin dandeettu» jedhe. Rabbi Muuse'een ati na biratti hulee qabda; dhagaa qarsa'aa irrallee hin dhaabatta jedhe. Hennaa ulfinni kiyya lufu, dhagaa baqaqe keessa si tursiisa; haga si bira lufuuf harka kiyyaan si golga; achiin maayessa ani harka kiyya si jalaa siissa; dudda kiyya argita malee fuula kiyya hin argitu» jedheen. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Baxxeewwan dhaga'aa lama akkuma ka duraatitti qirqidi; Ani jechoota baxxeewwan duraan caccabsitee sanniin irratti barreessaa. Boru ganama qophaayii gaara Siina'aa irratti bayii na afoo dhaabadhu. Eennullee si woliin achi gubbaa hin bayin; eennullee gaarran maraa irratti hin argamin; afoo gaara saniititti horiinii fi hoolonni hin bobbayin» Kanaafuu Muuseen akkuma baxxeewwan duraatitti baxxeewwan lamaa dhagaa irraa qirqide; akkuma bariiteen obboroo akkuma Rabbi isa ajaje baxxeewwan dhaga'aa lamaanuu harkatti qabatee gara gaara Siina'aa ol baye. Rabbi duumessa keessaan gara isaa bu'ee achi isa woliin dhaabatee maqaa Rabbii labse. Rabbi afoo isaa lufee, «Rabbi; Rabbii namaa dhiisu, ka gaachena qabu, ka obsu, Rabbii abbaa arjummaa gudda'aatii fi dhuga'aa; ka arjummaa ufii haga dhaloota kumaa eegu; ka yakka, balleessa'aa fi cubbuu namaa dhiisu; ka yakkamaa adabbii malee hin dhiifne, Waaqa cubbuu abbootaa haga dhaloota sadeesso'ootii fi arfeesso'oo ijoollee ijoollee isaanii irraan gawu» jedhee maqaa ufii labse. Muuseenillee daddafee gad jedhee sagadee, «Yabo'oo yoo ka si afo'otti gaachena argadheeru ta'e baniin kun ka lum'a jabaatu waan ta'eef ati Gooftaan keenna nu jidduu deddeebi'i; daba keennaa fi cubbuu keennallee nuu dhiisi; banii ristii teetii nu raasis» jedhe. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ani waadaa kiyya hin raawwadha; banii biyya lafaa maraa fi orma maraa biratti maalalee sirima ta'ee hin beenne banii kee maraa afo'otti taasisa; wonti ani si biratti godhu waan nama sodaachisu ta'eef baniin ati woliin jirtu kunniin maruu hujii Rabbii hin argan. Waan ani adha si ajaju godhi; ani worra Kana'aanotaa, Amoorotaa, Keexotaa, Eewwotaatii fi Iyyaabusootaa isin jalaa baasa; akka siiboo isinitti hin taane worra hulee isin dhaxxan san isin woliin jiraatan woliin akka waadaa hin galle uf eeggadhu. Hulee isaan ciincaa itti qopheessan diigaa'a; waaqa tolfamaa asheeraa jedhamtu caccabsaa'a; muka isaan ciincaa jalatti qopheessan maraa mummuraa'a. «Ani Rabbi Waaqa hinaafu waan ta'eef waaqolee tolfamaa biraatii hin sagadinaa'a; Worra biyya san keessa jiraatan woliin waadaa hin galin; hennaa isaan waaqa ufii duukaa deemanii seebaranii fi hennaa ciincaa isaa qopheessanii isin waaman dhaxxanii ciincaa isaanii hin nyaatinaa'a. Ijoollee isaanii ta durbaa ijoolleen tee ta dhiiraa akka hin fuune; ijoolleen isaanii waaqa ufii waaqeffatanii ijoollee tee akka hin dogoggorsine uf eegi. «Fakiiwwan waaqolee waa bassanii tolchanii hin waaqeffatin. «Ayyaana xorosho'oo hin eedda; ji'a Abiibii keessa biyya Misiriitii waan baateef bara ajajame akka ji'a Abiibii si ajajetti guyyaa torbaa xoroshoo nyaadhu. «Ka hangafa dhalate maruu kiyya; horiin kormaa ka duraa maruu sangaa ta'ee'e hoolaan kiyya. Ka harreen hangafa dhaltellee korbeessaan furta; yoo furuu baatte ammo morma isaa mitigii cabsi; ijoollee tee ta hangafaa dhiira maraa hin furta. «Eennullee harka duwwaa afoo kiyyatti akka hin argamne. «Guyyaa jahaa hojjadhu; guyyaa torbeesso'oo hara baafadhu; haga qottee facaafteen maayessaa fi haga haamtee galfatteen maayessa hara baafatta. «Midhaan dura gaye hennaa galfattu torbaawwaniin maayessa ayyaanteffadhu; kun ayyaana hangafa midhaan haamtee galfattuuti; dhuma wogga'aatittillee hennaa midhaan galfattan ayyaanteffadhu. Dhiirti mana Israa'elii maruu Rabbii Waaqa ufii afo'otti woggaa keessa harka sadihii haa mudhatanii. Worra ormaa afoo keetii hin baasa; biyya tee hin badhisa; woggaa keessa harka sadihii Waaqa kee afo'otti mudhatu'uuf hennaa baatu eennullee biyya tee hin dharra'u. «Ciincaa dhiigaa buddeena raacitii qabu woliin naa hin dhiyeessin; ciincaan ayyaana faasika'aa haga boruu hin bulin. «Daraaraa duraa filatamaa gara mana Rabbii Waaqa keetii galchita; «Foon korbeessa hoola'aa yookaan korbeessa re'e'ee aannan haadhaatiin hin affeelin.» Rabbi Muuse'een, «Jechoota kanniiniin si'ii fi Israa'eliin jiddu'utti waan waadaa galeef jechoota kanniin barreessi» jedheen. Achitti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa Rabbiin woliin ture; womaa hin nyaanne womaa hin dhunne; dhagaawwan baxxee sanniin irratti jechoota waada'aa kudhan barreesse. Muuseen hennaa gaara Siina'aa irraa bu'u dhagaawwan baxxee raga'aa lamaan harkaa qaba ture. Muuseen hennaa gaara irraa bu'u waan Rabbi isa woliin dubbateef akka fuulli isaa ifa'aaru ufitti hin beenne. Aaroonii fi ijoolleen Israa'elii maruu hennaa Muusee argan waan fuulli isaa ifuuf isatti dhiyaachuu sodaatan. Muuseen isaan waamnaan Aaroonii fi bulchoonni bani'ii maruu gara isaa deebi'an; innillee isaan woliin qaaqe. Achiin maayessa ijoolleen Israa'elii maruu gara isaa dhiyaannaan waan Rabbi gaara Siina'aa irratti isatti dubbate maraa isaan ajaje. Muuseen haga qaaqa isaan woliin qaaqee fixate fuulatti haguuggate. Muuseen hennaa Rabbiin bira seene qaaqee haga fixatuuf haguugguu fuula ufiititti golgate fuula ufii irraa kaase; hennaa achii baye waan Rabbi isa ajaje ijoollee Israa'eliititti hime. Ijoolleen Israa'elii akka fuulli Muuse'ee ife laala'aa turan; inni Rabbiin woliin qaaqu'uuf haga seenuuf deebi'ee fuulatti haguuggata ture. Muuseen ijoollee Israa'elii maraa wolitti qabee akkana isaaniin jedhe, «Wonti akka gootaniif Rabbi isin ajaje kana; guyyaa jahaa hujii keessan hojjadhaa'a; guyyaan torbeesso'oo ammo guyyaa woyyuu Sambata Rabbii ka hara baafataa isinii ta'a; namni guyyaa san hojjatu maruu haa ajjeefamuu; guyyaa Sambataatiin mana keessanitti ibidda hin bobeeffatinaa'a» Muuseen ijoollee Israa'elii maraanuu akkana jedhe, «Rabbiif kennaa dhiyeessaa'a; namni kennaa Rabbii kennu akka jaalalaa fi fedha ufiititti Rabbii haa kennuu; worqii, birrii, sibiila diimaa, waan bifa Sami'ii fakkaatu, diimaa dhiilgee'e, uffata mishaa rifeensa re'e'ee, gogaa hoolaa korbeessa arrawaa, gogaa dhiisifame, muka ajo'oo, sayitii ibsa'aa, dhadhaa ejersaa, hixaana urgaawuu fi urgoo isaa, dhagaa gatii gudda'aa, callee qomaa fi Efuudii irratti godhan haa fidanii. «Isin keessaa worri ogummaa harkaa qaban maruu dhufanii waan Rabbi ajaje maraa; daasee bulti'iitii fi dachaa isaa, waan qabataniin, cufanaawwan balbalaa, loosaawwan, utubaawwan, miillan, Saanduuqa waada'aa, Loosaawwan ittiin baadhatan, qadaada saanduuqa dhiifamsaa, golga fuula isaa dhossu, gabataa, loosaawwan, Meeshaa maraa, xoroshoo, baattuu ibsa'aa, sayitii ibsa'aa, girgiraa hixaanaa, loosaawwan, dhadhaa ejersaa, hixaana urgaayaa, golgaa balbala hulee bulti'ii, waan ciincaa gubamu itti aarsan, sibiila diimaa, ka kanniin irraa waa ittisu, loosaawwan, mi'a isaa maraa, saanii irratti dhiqatanii fi ka isa irra kaayan, golgaawwan hulee itti gad bayanii, utubaawwan, miillan, golgaawwan balbala hulee itti gad bayanii, xiribbaa daase'ee ka hulee bulti'iitiin dhaaban, haada isaa, uffata ogeessi hojjate ka mana woyyumma'aa keessatti ittiin tajaajilan, uffata Aarooniitii fi ka ijoollee isaa ka isaan gadumma'aan ittiin tajaajilan maraa haa hujanii» jedheen. Kanaan maayessa ijoolleen Israa'elii maruu Muusee biraa deemanii maruu akkuma garaan isaa fedhetti uffata woyyuu ka tajaajila mana woyyumma'aatiif ta'u kennaa Rabbii gara daase'ee fidan. Dhiirtinii fi intaltillee akkuma garaan isaanii fedhe worqii godhatan, lootii, qubee qubaa, qubeewwan gara garaa, faaya qandhafaa maraa Rabbii fidan; namoonni maruu kennaa worqi'ii Rabbii dhiyeessan. Namoonni maruu uffata bulee bifa sami'ii, diimaa dhiilgee, uffata mishaa gad diratan, rifeensa re'e'ee, gogaa dhiisifame, gogaa korbeessa hoola'aatii fi worri gogaa qabu maruu fidan. Namni Rabbii silata qabe maruu kennaa birri'iitii fi ka sibiila diima'aa Rabbii kenne; ka muka ajo'oo qabu maruu hujii mana Rabbiitiif fide. Dubartoonni ogummaa harkaa qaban harka ufiitiin jirbii fooyan; jirbii bifa sami'ii, diimaa dhiilge'ee fi uffata mishaa gad diratan ka harkaan fooyame Rabbii fidan. Dubartoonni ogummaa mishaa qaban maruu rifeensa re'e'ee hojjatan; bulchoonnillee dhagaa gatii gudda'aa, callee qomaa ka gatii gudda'aa, ibsaa, dhadhaa ejersaa, hixaana urgaayu, urgooftu'uu fi sayitii fidan; dubartoonninii fi dhiirti Israa'elii maruu kennaa hujii Rabbiitiif ta'u maraa akka fedha ufiititti Rabbii fidan. Muuseen banii Israa'eliitiin akkana jedhe, «Rabbi gosa Yihuuda'aa keessaa Baasili'eelii ilma Uurii akaakayyicha Hoorii maqa'aan waame. Rabbi hunna Hafuura ufiitiin hujii isaa maraan, ogumma'aan, hubanna'aa fi beekkumsaan akka guuttamu godhe. Akka inni hujii ogumma'aan hojjatu akka inni worqii, birri'ii fi sibiila diimaa hojjatu, mi'a gatii gudda'aa akka hojjatu, dhagaa akka bocu, akka muka bocuu fi hujii ogumma'aa maraa akka hojjatu isa taasise. Inninii fi Ayisaamikii gosa Daanii akka barsiisaniif Rabbi onnee isaanii keessa kaaye. Akka isaan sibiila bassan, akka hojjattoota ogeeyyii ta'an; uffata bifa sami'ii, diimaa dhiilgee, uffata mishaa gad diratan worra uffata hodhan, worra uffata kuulanii midhaassan, worra hujii ogumma'aa maraa hojjatan godhanii akka leenjisan Rabbi ogummaa isaanii kenne. «Baasili'eelii fi Eeliyaab, namoonni ogummaa qaban maruu akkuma Rabbi hujii ogumma'aa mana woyyumma'aa keessatti hojjataniif isaanii kenne waan Rabbi isaan ajaje maraa haa hojjatanii.» Muuseen Baasili'eelii fi Eeliyaabiin, namoota Rabbi ogummaa isaanii kenne worra keessi isaanii huji'iif kakka'e maraa waame. Isaanillee kennaa ijoolleen Israa'elii mana woyyumma'aatiin akka hujaniif fidan maraa hojjatu'uuf Muusee harkaa fuudhan; isaan ganama ganama akkuma fedha isaanii kennaa gara isaa fidan. Ogeeyyiin mana woyyumma'aa hojjatan maruu waan hojjatan maraa dhiisanii dhufan. «Isaan waan hujii mana woyyumma'aatiin hojjatamu haga barbaachisuu olitti fidan» jedhanii Muuse'etti himan. Worri isaan bira jiran ka hujii ogumma'aan hojjatan maruu hulee bulti'ii golgaawwan kudhaniin hojjatan isaan maraa uffata jirbii fooyame ka bifa sami'ii, ka diimaa dhiilgee irraa hojjatame, waan kanniin irratti akka ogeessa misha'aatitti kiruubeeliin isaan irratti godhan. Dheerinni golga maraatuu ciqilee saddeeti; dalgi ciqilee afur; golgi maruu wol qixa. Golga shanii wal qabsiisan; ammallee akkasuma golga shanii wol qabsiisan. golga wol qabsiisan ka duraa handaara irratti qubee bulee bifa sami'ii itti godhan; akkasuma golga kaawwan ka lammeesso'oo irrattillee akkasuma godhan; qubeewwan shantamaa golga tokko irratti godhan; handaara lammeesso'oo irrattillee akkasuma godhan; qubeewwan maraa fuula wolitti deebisanii turan. Qabduu worqi'ii shantama hojjatan; golga sanniinillee wol qabsiisan; sun mana tokko ta'e. Golga daasee hulee bulti'ii ka gubba'aa rifeensa re'e'ee irraa hojjatan; golga kudha tokko godhan. Dheerinni golgaa maraatuu ciqilee soddoma; dalgi isaa ciqilee afur; golgi maruu wol qixxa. Golga shananuu wol qabsiisan; golga jahanillee wol qabsiisanii tokko godhan. Handaara golga tokkoo irratti gurra shantama godhan; akkasuma golgaa biraatiin ka wol qabsiisanillee handaara isaa irratti gurra shantama godhan. Daaseewwaan maraa wol qabsiisu'uuf sibiila wolitti qabsiisaniin shantama hojjatan. Daasee dachaa godhu'uuf gogaa korbeessa hoola'aa, isa irrattillee ka biraa irra dhawu'uuf gogaa dhiisifame godhan. Balbala hulee bulti'ii muka ajo'oo irraa hojjatan; Dheerinni balbala maraatuu ciqilee kudhan; dalgi isaa ciqilee tokkoo fi wodhakka'a. Balbala maraa irratti waan lamaan wol qabsiisutu ture; balbala cufanaa mana bulti'ii maraa akkasuma godhan. Balbala mana bulti'ii san cinaa bita'aatiin cufanaa diddama godhan. Balbala cufanaa diddamaa maraafuu miillan birrii irraa hojjatame godhaniif; cufanaa maraa jala wonti lamaan isaan wolitti qabsiisu waan lamaantu jira. Hulee bulti'ii gara cinaa mirgaatiin cufanaa diddama godhan. Isaanillee miillan birri'ii afurtama; cufanaa maraa jala miillan lama godhan. Hulee bulti'ii cinaa gara dhiyaatiin duuba irraan cufanaa jaha godhan. Hulee bulti'ii qaccee lamaan irra gara duubaatiin cufanaa lama godhan. Gadii ka'ee haga gurra lammataa cufanaa tokkochi dacha'a; qaccee gama lammataallee akkasuma godhan. Cufanaan saddeetii fi miilli birri'ii kudha jaha; cufanaa maraa jala miila lama lamatu jira. Mana bulti'ii ka muka ajo'oo irraa hojjatame, cufanaan gama tokkoo loosaa shan; cufanaa mana bulti'ii gama lammeesso'ootiin loosaa shanii, balbala mana bulti'ii dudda duubaan gara dhiyaatiin jiranillee loosaa shan godhan. Loosaan wodhakka'aa balbala maraa qacce'ee haga qacce'ee lufa. Cufanaa sanniinillee worqii diban; qaalawwan loosa'aallee worqii irraa hojjatan; loosaawwan sanniinillee worqii diban. Golgallee uffata bifa sami'ii, diimaa dhiilgee, uffata gad diratan, jirbii fooyame mishaa irraa kiruubeeliin hojjataan ogeessi hojjate irraa godhan. Utubaawwan muka ajo'oo irraa hojjatame afur godhaniifii worqii diban; fannoon isaallee worqi'i; isaan maraafuu miila worqii irraa hojjatame afur godhaniif. Balbala daase'eetiif uffata mishaa, golga mishaa bifa sami'ii, diimaa dhiilgee irraa golga ogummaa misha'aan fooyame irraa hojjataniif. Utubaawwan shananittuu fannoo godhan; goodaa isaatii fi soomayyuu isaa worqii diban; miila isaa shanan sibiila irraa hojjatan. Baasili'eelillee muka ajo'oo irraa saanduuqa waada'aa hojjate; dheerinni isaa ciqilee lamaa fi wodhakka'a; dalgi isaa ciqilee tokkoo fi wodhakkaa; ol fageenni isaa ciqilee tokko. Keessaa fi duuba isaa worqii mishaa dibe; naannaya isaallee worqi'iin goode. Qubeewwan worqi'ii afur itti godhe; miillan arfan irrattillee akkasuma godhe; gama tokkoon qubeewwan lama, gama biraatiinillee qubeewwan lama godhe. Loosaa baadhataniinillee muka ajo'oo irraa hojjatee worqii dibe. Loosaa saanduuqa waada'aa baadhataniin qaalawa keessa galche. Qadaada waadaa dhiifamsaa worqii mishaa irraa ka dheerinni isaa ciqilee lamaa fi wodhakka'aa, ka dalgi isaa ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa hojjate; Kiruubeelii lamaa worqii daakkame irraa hojjatee qadaada dhiifamsa cubbu'uu gamaa gamanaan godhe. Qadaada waadaa dhiifamsaa woliin kiruubii tokko gama tokkoon, kiruubii kaan gama kaaniin wolitti hojjate. Kiruubiinillee akka waan koola ufii ol kaafataniititti qadaada waadaa dhiifamsaa koola ufiitiin dhossanii fuula ufii wolitti deebisanii gara kiruubii qadaada waadaa dhiifamsaa laalan. Gabataa muka ajo'oo irraa ka dheerinni isaa ciqilee lamaa, dalgi isaa ciqilee tokkoo, ka ol fageenni isaa ciqilee tokko hojjatee, naannaya isaa worqii mishaa dibe. Naannaya goodaa isaa irratti badhinna ganaa tokko godhee, naannaya gooda'aa irratti hojjatee qubeewwan worqi'iin hojjatame afur roga arfan irrattuu godhe. Wonti gabataa ittiin baadhatan ka qaalawa keessa lufu gara qaccee gooda'aa bira. Waan gabataa ittiin baadhatan muka ajo'oo irraa hojjatee worqii dibe. Waan ittiin jissan, meeshaa gabataa woliin taa'u, xuwweewwan, mooqqaawwan, ka mijuu ittiin dhugan, waan woraabaniin worqii mishaa irraa hojjate. Baattuu ibsa'aallee worqii mishaa irraa hojjate, miila isaatitti waan soomayyuu irratti hojjatameen godhe; waan mijuu itti dhugan maraa, qola isaatii fi abaaboo isaallee achuma irraa hojjate. Ladda isaatiin damee jahatu bayeef; damee baattuu ibsa'aa sadiin gara tokkotti, damee baattuu ibsa'aa kaawwanillee gara biraatiin baase. Damee gara tokkoo irratti qolaa fi abaaboo, waan mijuu ittiin dhugan, ka abaaboo muka lawuzi'ii fakkaatuu fi damee baattuu ibsa'aa irraan ol bayan jahanitti godhe. Waan mijuu ittiin dhugan ka daraaraa lawuzi'ii fakkaatu qola baattuu ibsa'aatii fi daraaraa afurii godhe. Damee jahan baattuu ibsa'aa irraa bayan ka gama lamaaniinuu hojjatame ka damee qola lamaaniitiin gadii tokko ta'ee ka hojjatame, qola lammataallee damee lamaa gaditti tokko ture. Qollinii fi dameen isa woliin tokko turan; maruu tokko ta'ee worqii mishaa irraa hojjatamee ture. Ibsaa torbaniif baattuu ibsa'aa, saanii isaatii fi saanii ibsaa irra kaayanillee worqii qulqullaayaa irraa hojjate. Meeshaa baattuu ibsa'aa maraa kiiloo giraamii soddomii shanii worqii mishaa irraa hojjate. Girgiraa ciincaa hixaanaa itti aarsan muka ajo'oo irraa dheerinna ciqilee tokko, badhinna ciqilee tokko, ol fageenna ciqilee lama, ka badhinni isaa wol qixa ta'e hojjate. Naannaya isaa marattuu duraa fi duuba isaa, isa biratti gaafa worqii mishaa irraa, naannaya isaatitti goodaa worqi'ii godhe. Gooda'aa gaditti qubeewwan worqi'ii lama gamaa fi gamanatti; ladda lamaanittuu loosaa baadhataniin godhe. Loosaa baadhataniin san muka ajo'oo irraa hojjatee worqii dibe. Akkuma urgooftuu mishaa worri ogeeyyiin hojjatanitti dhadhaa ejersaa qulqullaayaa hojjate. Hulee ciincaa irratti dhiyeessan ka dheerinni isaa ciqilee shanii, dalgi isaallee ciqilee shanii muka ajo'oo irraa hojjate; inni roga afur qaba; ol fageenni isaa ciqilee sadihi. Roga arfan gubba'atti gaafa tolcheef; gaafa wolitti hojjatee sibiila diimaa itti uwwise. Meeshaa hulee ciinca'aa, xuwweewwan, waan ibiddaan qabsiisan, distii, qadhabaa, girgiraa maraa sibiila diimaa irraa hojjate. Hulee ciinca'aatitti marsee kaloo hojjate; achii haga wodhakkaa hulee ciinca'aa; achiillee naannessee sadarkaa gad aanaa irra godhe; kaloo sibiila diima'aa sanii fi loosaa baadhataniin ka roga arfan irra jiru saniif qubeewwan arfan hojjate. Loosaa baadhataniin sanniin muka ajo'oo irraa hojjatee sibiila diima'aan dibe. Loosaa ittiin baadhataniin akka ittiin baadhatan laddaan qubee keessa loosee hulee ciincaa itti dhiyeessan ka muka ajo'oo irraa hojjatame keessa isaa duwwaa godhe. Saanii irratti dhiqatanii fi waan isa irra kaayan sibiila diimaa uf argaa dubartoonni daasee wol geetti'ii keessa tajaajilan fidan irraa hojjate. Kutaa seensa daasee woyyoomeef golgaawwan jirbii mishaa irraa hojjate; gara bita'aatiin golga dheerinni isaa ciqilee dhibbaa qaba. Utubaawwan diddamaa fi miillan diddamaa sibiila diimaa irraa hojjate. Gara mirgaatiin golga dheerinni isaa ciqilee dhibbaa, utubaawwan sibiila irraa hojjatame diddamaa fi miila diddamaa hojjate; utubaawwan sanniiniifillee fanno'oo fi soomayyuu birri'ii hojjateef. Gara dhiyaatiinillee golga dheerinni isaa ciqilee shantamaa, utubaawwan kudhanii fi miillan kudhanii sibiila diimaa irraa hojjate; utubaawwaniif fanno'oo fi soomayyuullee birrii irraa hojjate. Gara bariisa'aatiin golga dheerinni isaa ciqilee shantamaa ta'u hojjate. Dheerinni golgaa gama tokkoon ciqilee kudha shan; utubaan sadiinuu miillan sadihi qaba. Akkasuma gama lammeesso'ootiinillee afoo gara hulee itti bayanii gamaa gamanaan golga dheerinni ciqilee kudha shanii utubaan sadihiillee ka miila sadihii qabu ture. Golgi naannaya hulee itti bayanii maruu uffata fooyaa jirbi'iitiin dhayameen hojjatame. Miilli utubaawwan sanniinii sibiila diimaa irraa; soomayyuunii fi fannoon utubaawwan sanniinii birrii irraa hojjatame; woggaa utubaawwaniillee birri'iin dibe; utubaawwan hulee itti bayanii maruu soomayyuu birri'iin hojjatame uf irraa qaba. Golgi hulee itti bayanii uffata mishaa bifa sami'ii, diimaa dhiilgee, ka jirbii misha'aan irratti hojjatame, dheerinni isaa ciqilee diddama; ol fageenni isaa ciqilee shan; golgi hulee itti bayaniillee ciqilee shan. Utubaan sibiila diimaa irraa hojjatame afur; miilli isaallee afur; fannoon isaallee birrii irraa hojjatame; woggaanii fi soomayyuun isaa ka birri'iin dibame. xiribbaan naannaya hulee bulti'iitii fi xiribbaan hulee itti bayanii sibiila diimaa irraa hojjatame. Akka ajaja Muuse'eetiin meeshaa Leewwonni ittiin tajaajilan ka harka ilma Aaroonii gadichaa Itaamariitiin laakkayame meeshaan hulee bulti'ii wolitti qaba'atti kana. Ilmi ilma Hoorii ka akaakayyuu Hoorii ka gosa Yihuuda'aa Baasili'eel waan Rabbi Muuse'een jedhe maraa godhe. Ahisaamiik ilmi Eliyaabii ka gosa Daanii isa woliin jira; inni hojjataa ogeessa hujii roga itti baasu, uffata bifa sami'ii, diimaa dhiilgee, uffata mishaa jirbii irraa hojjatame ka jirbi'iin irratti dhawu ture. Worqiin qulqullaayaan isatti kenname maruu akka hujii qulqullummaa mana woyyumma'aatiin worqii kiilogiraamii diddamii sagal, saqilii dhibba torbaa fi soddoma ture. Birriin gumii laakkayame irraa argame laakkobsaan worqii dhibbaa, saqilii kuma tokkoo fi torbaatamii shan ture. Akka madaala worqii mana woyyummaa Rabbiitiin nama tokko irraa itti laakkayame wodhakkaa worqi'iiti; nama woggaa diddamaa irraa jalqabee ka achii olii namoota kuma dhibba jahaaf sadihii fi namoota dhibba shanii fi shantama turan. Saqiliin dhibbaa ka golga mana Rabbiitii miila isaa hojjataniin; ammallee worqii dhibba tokkoo irraa miila dhibba tokkoo hojjate; miilli tokko worqii tokko irraa hojjatame. Worqii kuma tokkoo fi dhibba torbaa fi shantamaa irraa soomayyu'uu fi fannoo utubaa irraa worqii dibe. Sibiilli diimaan kenname birri torbaatamaa, worqii kuma lamaa fi dhibba afuriiti. Isa irraa miila balbala daasee hulee bulti'ii, hulee ciinca'aa ka sibiila diimaa irraa hojjatame, kaloo isaaf ta'u, meeshaa ciinca'aa maraa, miillan naannaya hulee itti bayanii, miillan afoo itti bayanii, xiribbaa hulee bulti'ii maraa itti godhe. Akkuma Rabbi Muusee ajaje mana woyyumma'aa keessatti akka tajaajiluuf uffata bulee bifa sami'ii, diimaa dhiilgee ogumma'aan hojjatame uffata qulqulluu Aaroonii hojjatan. Akkuma Rabbi Muusee ajaje efuudii worqii irraa, bulee bifa sami'ii, diimaa dhiilgee, uffata mishaa jirbii irraa hojjatame hojjate; worqiillee tumanii akka baalaa haphisanii mummuran; akkuma hojjataan ogeessi hojjatutti uffata bulee, diimaa dhiilgee, uffata mishaa jirbii irraa hojjatame wolitti hodhan. Gamni lachuu wol qabata; efuudii gurmuu gubba'aan wol qabsiisan. Akka Rabbi Muusee ajajetti hujii kana fakkaatu worqii, uffata bulee, diimaa dhiilge'ee fi uffata jirbii mishaa irraa hojjatame hojjatan. Dhagaa gatii gudda'aa akka chaappa'aatitti bocanii maqaa ijoollee Israa'elii irratti qirqidan. Dhagaan kun yaadannoo ijoollee Israa'eliitiif akka ta'u efuudii gurmu'uu irra qaxxaammursanii kaayan. Akkuma Rabbi Muusee ajaje uffata qomaa akka efuudii ogeessi hojjatuutitti worqii, jirbii bulee bifa sami'ii, jirbii diimaa dhiilgee, jirbii misha'aa fi jirbii uffata gad dirataniin hojjatan irraa hojjatan; inni roga afur qaba; uffata qomaa dachaa godhan; dheerinni taakkuu tokko, dalgillee taakkuu tokko; kunniin maruu dacha'a. Dhagaawwan gatii gudda'aa duraa duubaan afur godhaniif; gara afo'ootiin sardiyoon, toophaaziyoonii fi dhagaa gatii gudda'aa calalaqaa godhaniif; gama lammeesso'ootiin baluur, sanpeerii fi almaaziin godhaniif; gama sadeesso'ootiin yaakinti, kelqedoonii fi ameeteesxinoos; gama arfeesso'ootiin biralee, maraagidi, Iyaasphiid; dhagaa kanniin maraa worqi'iin diban. Dhagaawwan gatii gudda'aa sunniin maqaa ijoollee Israa'elii kudha lamman qaba; akkuma maqaa isaaniitiin akka chaappa'aatitti maqaan isaanii qirqidame; kun waan gosa ijoollee Israa'elii kudha lamaati. uffata qomaa haada miseensa miseensamee godhanii worqii mishaa irraa hojjatan. guduunfaa worqi'ii lama qubee worqi'ii fakkeessanii hojjatan; guduunfaa lamaa uffata qomaa gamaa gamanatti tolchan. Miseensa worqi'ii ka miseenfame lamaan uffata qomaa lamaan gamaa gamana jiran keessa naqan; qaccee miseensa lamaanii qaalawa lamaan keessa naqanii efuudii gurmuu irraan gara afo'ootiin gad diran. Qubee worqi'ii lama hojjatanii qaccee uffata qomaa ka waan gad diratan afo'oon jirutti godhan. Ammallee deebi'anii qubeewwan worqi'ii lama hojjatanii guduunfaa efuudi'ii lamaan ka gurmuu afo'oon gad bu'u woliin garaa jalaan wol qabsiisan; isaan kunniin hulee hidhata ogeessi ogumma'aan hojjate itti wol gawu biratti itti hojjatan. Akkuma Rabbi Muusee ajajetti uffanni qomaa sun akka hidhata san irra taa'utti diranii fuula duraa saniif akka gaachena ta'utti hiikkamee akka hin laafne uffata bulee, diimaa dhiilgee, qubee san uffata gad diratan ka afo'ootiin wolitti hidhan. Akkuma Rabbi Muusee ajaje, uffata efuudi'ii bulee bifa sami'ii godhee; morma isaa wodhakka'atti baase; akka hin biinxamne naannaya mormaa goode. Handaara qaccee uffata gad diratanii bulee, diimaa dhiilgee, jirbii fooyame arrawa qaraaruu irraa hojjate. Worqii mishaa irraa bilbila hedduu hojjatanii naannaya isaa wodhakka'atti arrawa qaraaruu godhan. akkuma Rabbi Muusee ajajetti naannaya qaccee uffataatitti daraaraa muka roomaani'ii hojjatan. Akkuma Rabbi Muusee ajaje akkuma worri woyaa hojjatu midhaassanitti Aaroonii fi ijoollee isaatii shamisiiwwan, sabbata maratan, qoobiiwwanii fi surreewwan, sabbata hidhataniinillee jirbii bulee, diimaa dhiilgee, uffata gad diratan akka ogeessi hojjatutti bareechisan. Akkuma Rabbi Muusee ajaje, malkata ulfinnaa ka woyyoome worqii qulqullaaye irraa hojjatan; isa akka fakii chaappa'aa godhanii hojjatanii jecha «Woyyummaan Rabbiif» jedhu irratti barreessan. Haada jirbi'ii sabbata irratti rarraasu'uuf bifa bule'een irratti hidhan. Akkasuma daaseen hulee bulti'ii ka itti wol gayan maruu hojjatamee dhumate; akkuma Rabbi Muusee ajaje ijoolleen Israa'eliillee akkasuma godhan. Daasee bulti'iitii fi meeshaa maraa Muuse'etti fidan; wonti isaan fidan waan ittiin qabatan, cufanaawwan, loosaawwan, utubaawwan, miillan, gogaa hoolaa arrawaa, gogaa dhifame ka isa irra dhayan, ka golga dacha'aa san dhossu, saanduuqa waada'aa, waan ittiin baatanii fi teessoo hulee ciinca'aa woliin, gabata'aa fi mi'a isaa maraa woliin, xoroshoo woyyuu Rabbiif dhiyaatu, baattuu ibsa'aa ka worqii mishaa irraa hojjatame; akkasuma teessoo isaatii fi meeshaa isaa maraa, dhadhaa ejersaa ka ifu, hulee ciinca'aa ka worqii irraa hojjatame, hixaana urgaa misha'aa, balbala daase'eetii fi golga isaa, hulee ciinca'aa ka sibiila naasi'ii irraa hojjatame, ittisa sibiila diimaa irraa wol keessa diramee hojjatame, waan ittiin baatan, meeshaa maraa, diimaa irratti dhiqatan, golgaawwan hulee itti wol gayanii, utubaawwan miillan isaanii woliin, golga afoo itti yaa'anii, haada isaa, xiribbaa isaa, meeshaa ittiin tajaajilan ka daasee wol gayi'ii maraa, uffata qandhafaa ka uffatanii hulee ciinca'aatitti hojjataniin, uffata gadichi Aaroon ittiin tajaajiluu fi uffata ijoollee isaati. Akkuma Rabbi Muusee ajaje ijoolleen Israa'elii maruu akkasumatti hojjatan; Muuseen waan kanniin maraa yoo laalu akkasumatti waan hojjataniif isaan eebbise. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ji'a duraa guyyaa jalqabaa daasee wol gayi'ii ka hulee bulti'ii dhaabda. Isa keessa saanduuqa waada'aa keetta; saanduuqa waada'aa golgaan golgita. Gabataallee isa keessa seensiftee meeshaa isa irra taa'u qopheessita; baattu ibsa'aallee ol seensiftee ibsoo ibsita; Hulee ciinca'aa ka hixaanaa ka worqii irraa hojjatame saanduuqa waada'aa afoo keetta; hulee itti gad bayan afoo golga itti golgita; hulee ciinca'aa ka waan ciincawuuf ta'ullee balbala daasee wol gayi'ii afoo keetta. Saanii irratti dhiqatan daase'ee fi hulee ciinca'aa jidduu kaayii bisaan itti guuti. Naannaya isaatitti hulee itti gad bayan ijaari; golgaa seensa daase'ee afo'otti badhisi. «Achiin maayessa sayitii dibduunillee fuudhii hulee bulti'iitii fi waan achi keessa jiru maraa dibi; isaa fi waan achi keessa jiru maraa hin woyyoomsita; isaanillee hin woyyooman. Hulee ciinca'aatii fi meeshaa ciinca'aa maraa hin dibda; hulee ciinca'aa maraa hin woyyoomsita; innillee waa maraa irra woyyittii woyyootaa ta'a. Saanii irratti dhiqatanii fi waan isa irra kaayanillee dibdee woyyoomsita. «Aaroonii fi ijoollee Aaroonii gara daasee wol gayi'ii afoo fiddee bisaaniin isaan dhixxa. Aarooniin akka inni gadicha ta'ee na tajaajiluuf uffata woyyumma'aa itti uwwiftee dibdee woyyoomsita. Ijoollee isaallee fiddee qambisaa isaanitti uwwifta. Gadumma'aan akka na tajaajilan akkuma abbaa dibde isaanillee dibda; dibamuun isaaniillee ijoollee isaaniitiif gadummaa baraa haga bara baraa ta'a» Muuseenillee waan Rabbi isa ajaje maraa godhe. Huleen bulti'ii woggaa lammeesso'oo ji'a duraa guyyaa jalqabaatitti dhaabame. Muuseen akkuma Rabbi isa ajaje hulee bulti'ii miila itti godhee dhaabee utuba'aa fi cufanaallee itti godhe. Daasee hulee bulti'ii irra badhise; daasee dachaa irra godhe. Muuseen akkuma Rabbi isa ajaje gabatee waada'aa fuudhee saanduuqa waada'aa keessa kaayee loosaawwan ittiin baatanillee isa bira kaayee qadaada waadaa dhiifamsaa saanduuqa waada'aatiin qadaadee, saanduuqa waada'aa san gara hulee saanduundhi waada'aa taa'u seensise; saanduuqa gara hulee bulti'ii seensise; golga isa dhossu itti godhee saanduuqa raga'aa golge. Akkuma Rabbi Muusee ajaje gabataa daasee wol gayi'ii keessatti hulee bulti'iitiin duuba mana bulti'ii keessa cinaa mirgaatiin kaaye. Akkuma Rabbi isa ajajetti xoroshoo afoo Rabbii kaaye. Akkuma Rabbi Muusee ajajetti baattuu ibsa'aa daasee wol gayi'ii keessa afoo gabataa hulee bulti'ii cinaa bita'aatiin kaaye. Ibsaa afoo Rabbiititti ibse. Akkuma Rabbi Muusee ajajetti hulee ciinca'aa ka worqii irraa hojjatame daasee wol gayi'ii keessa gara afo'ootiin kaayee; hixaana urgaa misha'aa itti aarse. Akkuma Rabbi Muusee ajaje hulee bulti'ii afoo golga itti golge. Hulee ciincaa gubamuu irratti hulee bulti'ii daasee wol gayi'ii afoo kaaye; ciincaa gubamuu fi ciincaa midhaanii ciinceesse; akkuma Rabbi Muusee ajaje saanii irratti dhiqatan wodhakkaa daasee wol gayi'iitii fi hulee ciinca'aa kaayee bisaan dhiqataniin itti buuse. Muusee, Aaroonii fi ijoolleen isaa harkaa fi miila irratti dhiqatan. Hennaa gara daasee wol gayi'ii seenanii hulee ciinca'aatitti dhiyaatan hin dhiqatan ture. Hulee bulti'iitii fi naannoo hulee ciinca'aa hulee itti gad bayan godhe; hulee itti gad bayan sanillee golga itti golge; akka kanaan Muuseen hujii ufii maraa fixe. Achiin maayessa duumessi hulee daasee wol gayi'ii uwwise; ulfinni Rabbii daasee guute. Waan duumessi isa irra tureef, ulfinni Rabbii waan hulee bulti'ii guuteef Muuseen daasee wol gayi'ii keessa seenuu dadhabe. Hennaa duumessi hulee bulti'ii sanii ka'e ijoolleen Israa'elii maruu karaa ufii deeman. Yoo duumessi ka'e malee ijoolleen Israa'elii hin deeman turan. Hennaa deeman maraa guyyaa hennaa duumessi ulfinna Rabbii mudhisu daasee dhossu, halkan ammo duumessa keessaan ibidda arga'aa turan. Rabbi Muusee waamee daasee wol gayi'ii keessatti akkana jedhee itti dubbate; ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi, ‹Isin keessaa namni kamuu yoo Rabbii kennaa dhiyeessitan horii keessaa loon, hoolaa yookaan re'ee dhiyeessitan; Kennaan ciincaa gubamuuf dhiyaatu horii keessaa yoo ta'e korma mudaa hin qabne haa dhiyeessuu; hennaa dhiyeessu Rabbitti akka toluuf balbala daasee wol gayi'ii afo'otti haa dhiyeessuu. Horii ciinca'aaf dhiyeessu san akka cubbuun isaa dhiifamuuf harka mataa isaa irra haa kaawuu, yoo san hin dhiifamaaf. Korma san Rabbiin afo'otti goorra'a; ijoolleen Aaroonii gadoonni dhiiga san hin dhiyeessan; dhiiga san daasee wol gayi'ii afoo naannaya hulee ciinca'aa maratti haa facaasanii. Achiin maayessa horii ciinca'aaf goorra'ame san qalee akkaataa qaama fooniitiin haa mummuruu; ijoolleen Aaroonii gadichaa hulee ciinca'aatitti muka darabeessanii ibidda itti haa bobeessanii; ijoolleen Aaroonii gadoonni foon akkaataa qaama isaatiin mummurame mata'aa fi cooma muka hulee ciinca'aa ka ibidda gubba'atti darabeessan irra haa kaayanii. Mi'a gara'aatii fi kottee arfan ammo bisaaniin haa miicuu; gadichi ciincaa ibiddaan gubamee dhiyaatu maraa Rabbiin biratti akka urgaa mishaa ta'u ciincaa godhee guba. Wonti ciinca'aaf dhiyaatu hoolaa yookaan re'ee yoo ta'e korbeessa mudaa hin qabne haa ta'uu. Hulee ciincaa itti dhiyeessan gara cinaa mirgaatiin Rabbiin afo'otti goorra'a; dhiiga san ijoolleen Aaroonii gadoonni hulee ciinca'aa gubba'aa fi naannayatti facaasan. Akkaatama qaama fooniitiin mata'aa fi moorallee kukkutan; gadichi foon san fuudhee muka ibiddaa ka hulee ciinca'aa irra kakkaaya. Gadichi mi'a gara'aatii fi kottee arfan miicee foon maraa fidee hulee ciinca'aa irratti guba; ciincaan gubatu sun Rabbiin afo'otti kennaa urgaayaa ta'a. Kennaan ciinca'aa ka Rabbiif dhiyaatu ka allaatti'ii yoo ta'e, Handari'ii fi ilmoolee kuukurru'uu dhiyeessa; gadichi mataa micciiree kutee dhiiga hulee ciinca'aa biratti guba; dhiinni sun hulee ciinca'aa irratti coccopha. Mi'a gara'aa koolaan gargar baasee gara cinaa baya biiftu'uutiin hulee daaraan itti gatamutti gata. Koollan adda babbaasa; garuu hulee lamatti hin qoodu; gadichi muka ibiddaa ka hulee ciinca'aa irratti guba; ciincaan gubatu sun Rabbii kennaa urgaayaa ta'a. Eennullee yoo kennaa midhaanii Rabbii dhiyeessu kennaan sun daakuu mishaa haa ta'uu; dhadhaallee itti haa buusuu; hixaanallee itti buusee, gara gadoota ijoollee Aaroonii dhiyeessa; gadichi daakuu misha'aa fi dhadhaa ganaa tokkoo, hixaanallee fuudhee kennaa ibiddaan gubamee dhiyaatu ka Rabbitti urgaawu akka ta'u yaadanno'oof hulee ciinca'aa gubba'atti guba. Kennaa midhaanii ka dhiyaate irraa ka hafe Aaroonii fi ijoollee isaatiif ta'a; kun kennaa ibiddaan Rabbiif dhiyaatu ka woyyoome. Kennaa midhaanii ka eelee irratti bilchaate yoo dhiyeessitu xoroshoo daakuu misha'aa ka dhadha'aan sukkuumame yookaan xoroshoo bixilee haphii dhadha'aan dibame haa ta'uu. Kennaan kee yoo ka eelee irratti bilchaate ta'e xoroshoo daakuu raacitii hin qabne ka dhadha'aan sukkuumame haa ta'uu; cabsitee dhadhaa itti jissita; innillee kennaa midhaaniiti. Kennaan kee yoo ka affeelamee bilchaate ta'e daakuu mishaa dhadhaa qabu haa ta'uu. Kennaan midhaanii ka akkanatti hojjatame Rabbii haa dhiyaatuu; gadichatti kennamee gadichi gara hulee ciinca'aa dhiyeessa. Gadichi kennaa midhaanii fuudhee yaadanno'oof kennaa urgaayaa Rabbii dhiyaatu godhee hulee ciinca'aa irratti guba. Kennaan midhaanii ka hafe Aaroonii fi ijoollee Aarooniitiif ta'a; kun kennaa midhaanii ka guddisee woyyoome ka ibiddaan Rabbiif dhiyaatu. Waan raacitii qabu dammallee yoo ta'e kennaa ibiddaan gubamu gootanii Rabbii hin dhiyeessitan; kennaan midhaanii ka Rabbiif dhiyeessitan maruu raacitii akka hin qabaanne; kanniin ammo kennaa hangafaa gootanii Rabbii dhiyeessitan; akka ciincaa urgaaya'aatitti hulee ciinca'aatitti ciincaa gubatu gootee hin gubdu. Kennaa midhaanii ka Rabbii dhiyeessitu maraa sooqiddaan mi'eessita; sooqidda midhaan waadaa Rabbii keessaa hin hanqisin; kennaa kee maraa sooqidda itti gootee dhiyeessita. Midhaan duraa hangafa kennaa Rabbii gootee yoo dhiyeessitu ibidda irratti akaayamee sukkuumamee akka asheetaatitti dhiyeessita. Dhadhaa itti buufta; hixaanallee itti buufta; kun kennaa midhaaniiti; gadichillee midhaan sukkuumame, dhadha'aa fi hixaana waan maraa fuudhee yaadanno'oof guba; kun kennaa Rabbiif ibiddaan dhiyaatu. Kennaan ciinca'aa yoo waan fayyinnaatiif ta'e, loon keessaa yoo korma yookaan goromsa dhiyeessu ka mudaa hin qabne Rabbii haa dhiyeessuu. Waan kenna'aaf dhiyeesse san harka ufii mataa isaa irra kaayee balbala daasee wol gayi'ii biratti goorra'a; ijoolleen Aaroonii gadoonni dhiiga horii goorra'amee san fuudhanii naannaya hulee ciinca'aatitti haa facaasanii. Ciincaa fayyinnaa san kennaa godhanii haa dhiyeessanii; cooma mi'a gara'aa irra jiru, cooma gara'aa maraa, Kalee lamaan, cooma cinaachaa, moora tiru'uu kalee lamaan woliin haa fuudhanii; ijoolleen Aaroonii ibidda hulee ciinca'aa irratti haa gubanii; ciincaan kun ciincaa mishaa Rabbitti urgaawu. Kennaan ciinca'aa yoo waan fayyinnaatiif ta'e korbeessa hoola'aa yookaan hoolaa dhaltuu haa dhiyeessuu; inni sun ka mudaa hin qabne haa ta'uu. Kennaa korbeessa hoola'aa Rabbiin afo'otti dhiyeessa. Harka ufii mataa isaa irra kaayee daasee wol gayi'ii afo'otti haa goorra'uu; ijoolleen Aaroonii dhiiga fuudhanii naannaya hulee ciinca'aatitti haa facaasanii. Ciincaa fayyinnaa san kennaa ibiddaan ciincawu godhee Rabbiif dhiyeessa; coomaa fi dudda duuba eege'eetii ka'ee haga lafee duddaa qalee moora mi'a gara'aa irra jiru maraa, Kalee lamaan, moora cinaacha biraa, moora tiruu irraatii fi ka kalee irraa fuudhee gadichi hulee ciinca'aa irratti ciinceessa; kun akka kennaa nyaataa ta'ee Rabbiif haa dhiyaatuu. Kennaan yoo ka re'e'ee ta'e Rabbiin afo'otti dhiyeessa; harka ufii Rabbiin afo'otti mataa isaa irra kaayee daasee wol gayi'ii afo'otti goorra'a; ijoolleen Aaroonii dhiiga san fuudhanii ciinca'aa fi naannaya ciinca'aatitti facaasan; Kana ciincaa gubamu godhee Rabbiif dhiyeessa; cooma mi'a gara'aa dhossu, cooma mi'a gara'aa maraa, Kalee lamaanii fi cooma cinaacha bira jiru, moora tiruu irraa, kalee woliin fuudhee gadichi ciincaa godhee dhiyeessa; kun ciincaa urgaayaa nyaataati; coomni maruu Rabbiif adda haa bawuu. Coomaa fi dhiiga hin nyaatinaa'a; kun maruu bara jiraattan maraa ijoollee ijoollee teessaniitiif seera baraa haga bara baraa haa ta'uu. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; eennullee uduu hin beenne yoo cubbuu hojjate; yoo seera Rabbii keessaa takkattiillee diige, «Gadichi muudamellee cubbuu bani'itti laakkayamu yoo hojjate waan cubbuu hojjateetiif mirgoo mudaa hin qabne cubbuu ufiitiif ciincaa Rabbii haa dhiyeessuu. Mirgoo gara balbala daasee wol gayi'iititti Rabbiin afoo dhiyeessa; harka ufiillee mataa mirgo'oo irra kaayee Rabbiin afo'otti goorra'a. Achiin maayessa gadichi muudamellee dhiiga mirgoo sanii fuudhee gara daasee wol gayi'ii fidee; gadichi dhiiga qubaan tuqee golga hulee woyyumma'aa Rabbiin afo'otti dhiiga san harka torbaa facaasa. Gadichi daasee wol gayi'ii keessatti hixaana urgaayaa gaaffan hulee ciincaa itti aarsanii irratti facaasa; dhiiga mirgo'oo ka hafe maraa hulee ciinca'aaa ka afoo daasee wol gayi'ii jiru jalatti jissa. Moora mirgo'oo ka waan cubbu'uutiif qalame maraa fuudhee moora mi'a gara'aa dhossu, moora mi'a gara'aa maraa, Kalee lamaanii fi moora kalee lamaan biraa, moora tiruu irra jiru kalee woliin fuudhee gadichi ibidda hulee ciinca'aa irratti akka waan mirgoo fayyinnaaf ciincaa ta'eetitti dhiyeessa. Garuu gogaa mirgo'oo, foon, mataa'a, miillan, mi'a gara'aatii fi cumaa mirgo'oo maraa ganda keessaa gara hulee daaraa ibiddaa itti jissanii gara hulee qulqullu'uu fidee muka irratti ibiddaan guba. «Baniin Israa'elii maruu cubbuu hojjatanii cubbuun sun yoo banii jalaa dhokate; waan Rabbi hin hujinaa'a jedhee isaan ajaje keessaa waan tokkoonillee yoo yakka hujan, cubbuun hojjatame yoo beekkame baniin waan cubbuu saniitiif mirgoo dhiyeessee gara hulee daasee wol gayi'ii fida; jaarsonni bani'ii Rabbiin afo'otti harka ufii mirgoo irra kaayanii Rabbiin afo'otti goorra'an. Gadichi muudame dhiiga mirgo'oo gara daasee wol gayi'ii fida; gadichi dhiiga san qubaan tuqee Rabbiin afo'otti golga keessatti harka torbaa facaasa. Daasee wol gayi'ii keessatti hixaana ciinca'aa ka gaaffan keessa jiru irrattillee hin godha; dhiiga san hulee ciinca'aa ka balbala daasee wol gayi'ii jalatti jissa; kanaan maayessa moora maraa achi irraa fuudhee hulee ciinca'aa irratti ciinceessa. Akkuma mirgoo ciincaa cubbu'uutiif dhiyaateetitti gadichi dhiifamsa cubbu'uutiif dhiyeessa; isaaniillee hin dhiifama. Kanaan maayessa mirgoo ganda keessaa gara raasa'aa baasee akkuma mirgoo duraa ciincesse ciincessa. «Namni guddaan biyya bulchu tokko yoo cubbuu huje, wollaala keessa ajaja Rabbii Waaqa ufii ka hin godhin jedhu godhee yoo yakke, cubbuun inni huje yoo beekkame, korbeessa re'e'ee ka mudaa hin qabne dhiyeessee; harka ufii mataa re'e'ee irra kaaya; hulee ciincaan itti qalamutti Rabbiin afo'otti goorra'a; kun ciincaa dhiifamsa cubbu'uuti. Gadichi dhiiga qubaan tuqee gaaffan ciincaa ciincawuuf ta'u irra godha; dhiiga hafe hulee ciincaa ciinceessan jalatti jissa. Moora maraa akkuma ciincaa fayyinnaaf dhiyaatuu hulee ciinca'aa irratti ciinceessa; gadichi akka cubbuun dhiifamuuf godha; isaallee hin dhiifama. «Banii biyyaa keessaa namni tokko uduu hin beenne cubbuu Rabbi hin hujinaa'a jedhe yoo hojjatee yakke, cubbuun inni hojjate sun yoo itti beekkame re'ee dhaltuu mudaa hin qabne kennaa godhee dhiyeessa. Harka ufii waan ciincaa cubbu'uutiif dhiyeesse san irra kaayee hulee ciincaan itti dhiyaatutti goorra'ee ciincaa godha. Gadichi dhiiga qubaan tuqee gaaffan hulee ciinca'aa irra godha; dhiiga maraa hulee ciinca'aa jalatti jissa. Moora maraa akkuma ciincaa fayyinnaa irraa fuudhan moora maraa fuudha; gadichi akka urgaa mishaa Rabbiif ta'u hulee ciinca'aa irratti ciinceessee waan isaatiif dhiifamsa godha; hin dhiifamaafille'e. «Waan ciincaa cubbu'uutiif goromtii hoola'aa yoo dhiyeesse; ta mudaa hin qabne dhiyeessa. Harka ufii goromtii hoola'aa ta ciinca'aaf dhiyaatte san irra kaaya; hulee ciincaan itti qalamutti dhiifamsa cubbu'uutiif ciincaa godha. Gadichi dhiiga qubaan tuqee gaaffan hulee ciinca'aatitti godha; dhiiga maraa hulee ciinca'aa jalatti jissa. Kanaan maayessa moora maraa akkuma hoolaa ciincaa fayyinnaatiif dhiyaatu irraa moora fuudhu fuudhee gadichi kennaa ibiddaan Rabbiif ciincawu irratti ciinceessa; gadichillee waan cubbuu namichi hujeetiif dhiifamsa goosisaaf; isaallee hin dhiifama. «Namni tokko waan beeku seera afoo dhiyaatee waan beeku san yoo himuu baate waan cubbuu itti ta'uuf yakkama'a. «Eennullee uduu hin beenne yoo waan battii tuqe, raqa busaawaa du'ee, yookaan raqa horii battaayee, yookaan raqa busaawaa lafa irra looyuu ka du'ellee yoo ta'e inni akka tuqe yoo beeke itti himaa'a yakka itti ta'aa. «Yookaan namni uduu hin beenne yoo waan battii tuqe yoomiinillee akka waan battii san tuqe yoo beeke yakka itti ta'a. «Eennullee waan hama'aa fi waan mishaa uduu hin beenne jarjaree ariiti'iin yoo kakate sanniin lamaan keessaa tokko dogoggora ta'uu yoo beeke, kanniin keessaa tokkoon yakkama'a. «Waan kanniin keessaa yoo waan tokkoon yakke waan hojjate saniif cubbuu ufii hin himata. Cubbuu hojjate saniif ciincaa dhiifamsa cubbu'uu Rabbii dhiyeessa; inni tika keessaa goromtii hoola'aa yookaan goromtii re'e'ee dhiifamsa cubbu'uutiif ciincaa dhiyeessa; gadichi waan cubbuu isaatiif araara godhee dhiyeessa. «Cubbuu hojjatee wonti hoola'aan bitatu yoo hanqateef kuukurruu lamaa yookaan ilmoolee handari'ii takka ciincaa cubbu'uu, ta lammeesso'oo ciincaa ciincawu godhee Rabbiif dhiyeessa. Gara gadichaa fidee inni ciincaa cubbu'uu san morma micciira garuu hin kutu; dhiiga ciincaa dhiyaatee girgiddaa hulee ciinca'aatitti facaasa; dhiiga hafe hulee ciinca'aa jalatti jissa; inni sunillee dhiifamsa cubbu'uuti. Akkuma seeraatitti ka lammeesso'oollee ciincaa godhee qopheessa; akka kanaan gadichi cubbuu inni hojjate dhiisisiisaaf; isaallee hin dhiifama. «Yoo kuukurruu lama yookaan ilmoolee handari'ii lama bitu'uuf ka horiin hanqatuuf ta'e cubbuu hojjate saniif daakuu iifii tokkoo ciincaa cubbu'uu godhee haa dhiyeessuu; waan ciincaa cubbu'uu ta'eef dhadha'aa fi hixaanallee itti hin buusu. Achiin maayessa gara gadichaa fida; gadichi akka yaadannoo ta'uuf daakuu ganaa tokko guutuu fuudhee kennaa ciinca'aa ka Rabbiif ibiddaan ciincawu irratti hulee kennaan dhiyaatu irratti ciinceessa; kunillee ciincaa dhiifamsa cubbu'uuti. Gadichi waan sanniin keessaa tokkoon waan cubbuu hojjatameetiif dhiifamsa taasisa; innillee hin dhiisaaf; kennaan midhaanii ka hafe ka gadichaa ta'a.» Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Eennullee yoo cubbuu Rabbi hin hojjatinaa'a jedhe hojjatee yakke, uduu hin beenne yoo cubbuu hojjate; hoolota keessaa korbeessa mudaa hin qabne, dhiifamsa cubbu'uutiif mana woyyuu keessatti akkuma tilmaamaatitti Rabbiif ciincaa dhiyeessa; akkuma hubattetti dhiyeessita. Waan qulqullaayeen gatii cubbuu hojjatee kaffala; waan dura kaffalu irratti harka shanii keessaa harka tokko eda'ee gadichatti kenna; gadichi hoolaa san gatii ciincaa cubbu'uu godhee dhiyeessa; cubbuunillee isaa dhiifama. «Eennullee ajaja Rabbii keessaa uduu hin beekin tokko diigee yoo cubbuu hojjatee yakke, inni yakkama'a; yakki isaa isuma irra jira. Korbeessa hoola'aa ka mudaa hin qabne hoolota keessaa akkuma gatiin isaa bikkameen gadichatti fida; gadichillee yakka inni uduu hin beenne hojjateef hin araarsaaf; cubbuunillee isaa dhiifama. Kunillee ciincaa dhiifamsa cubbu'uuti; kun dhugamaan waan Rabbiin biratti yakka ta'eef.» Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Eennullee yoo cubbuu hojjatee Rabbiin yakke; waan namni yaboo bira kaayate yookaan liqeeffatee yoo goshoo ufiillee waakkate, yookaan yoo roorrise, yookaan yoo goshoo ufii irratti dhara huje, yoo waan bade argee dhossee hin argine jedhee kakate, waan namni godhu kanniin maraa keessaa tokkoon yakkee; yakku'uun yoo cubbuu hojjate, waan roorrisee fudhate, yookaan waan dabaan fudhate, ka yaboo itti kenname yookaan waan bade yoo arge, yookaan waan dharaan kakateef sanniin maraa haa deebisuu; hagas caalaa harka shan keessaa harka tokko itti eda'ee gaafa ciincaa dhiifamsa cubbu'uu dhiyeessu abbaa hori'ii sanii haa kennuu. Waan cubbuu hojjateetiif korbeessa hoola'aa ka mudaa hin qabne haguma yakki sun geettuun ciincaa dhiifamsa cubbu'uu gara gadichaa haa fiduu. Gadichi Rabbiin araarsaaf; Rabbillee waan hojjate saniif hin araaramaaf. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Aaroonii fi ijoollee Aaroonii akkana jedhii ajaji; seerri ciincaa ciincawuu akkana; ciincaan ciincawu muka ibidda ciinca'aa irratti halkan guutuu haga bari'uuf ibiddillee hulee ciinca'aa irratti hennaa maraa bobaya'aa haa buluu; gadichi lukoo uffata gad diratan jalaan nafa ufiititti aansee godhatee; haga ciincaan ciincayee ibiddi nyaateen maayessa daaraa fuudhee hulee ciinca'aa bira haa kaawuu. Achiin maayessa uffata mulqatee uffata biraa jijjiiratee daaraa san baadhatee ganda keessaa gara hulee qulqullu'uu raasa'atti jissa. Ibiddi hulee ciinca'aa hennaa maraa hin badu hin bobaya; gadichillee muka itti kaaya; ciincaa ciincawullee achi irratti darabeessa; achi irratti ciincaa fayyinnaaf dhiyaatu ka mooraa ciinceessa. Ibiddi hennaa maraa hulee ciinca'aa irratti bobaya, hin badu. «Seerri ciincaa midhaanii ka ijoolleen Aaroonii Rabbiin afo'otti dhiyeessitu kana; gadichi ciincaa midhaanii ka dhiyaatu keessaa daakuu mishaa ganaa tokko guutuu dhadhaa woliin akkasuma kennaa hixaanaa maraa fuudhee akka Rabbiif ciincaa urgaayaa ta'u yaadanno'oof hulee ciinca'aatitti ciinceessa. Waan achi irraa hafe Aaroonii fi ijoolleen isaa xoroshoo godhanii hulee woyyittii ta afoo daasee wol gayi'iititti nyaatan. Raaciti'iin dukkuusanii hin bilcheessan; kennaa kiyya ka ibidda keessatti ciincayee dhiyaatu gayaa isaanii akka ta'u isaaniif kenneera; kunillee akkuma ciincaa sababaa yakkaatii fi sababaa cubbu'uutiif dhiyaatuutitti ka guddisee woyyoome. Ciincaan ibiddatti ciincayee dhiyaatu baraa haga bara baraa ijoollee ijoollee teessaniitiif gayee akka ta'u ijoolleen Aaroonii ta dhiiraa maruu hin nyaatan; ka biraa garuu eennullee ka ciincaa kana tuqu maruu hunna woyyummaa saniitiin qoomama.» Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Gaafa muudaman kennaan isaan dhiyeessan daakuu mishaa iifii tokkoo wodhakkaa ganama, wodhakkaallee galgala haa dhiyeessanii; Dhadhaa woliin sukkuumanii eelee irratti haa bilcheessanii; kennaa midhaanii ka bilchaate san cabsitee Rabbiif ciincaa urgaayaa akka ta'u dhiyeessita; bikka abbaa ufii ijoollee keessaa gadicha muudametu dhiyeessa; ciincaan kun akka seera Rabbii ta'utti baraa haga bara baraa ciincaya. Ciincaan midhaanii ka gadichi dhiyeessu maruu hin ciincaya; isa keessaa womtuu hin nyaattamu.» Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Aaroonii fi ijoollee Aarooniititti akkana jedhii himi; seerri ciincaa cubbu'uu kana; horii ciincaa cubbu'uutiif dhiyaatu Rabbiin afo'otti hulee ciincaan cubbu'uu itti dhiyaatutti goorraata; huleen sun hulee guddisee woyyoome. Gadichi ciincaa cubbu'uu dhiyeessu hulee woyyittii naannaya daasee wol gayi'iititti nyaata. Nama ta'ee'e wonti kamuu yoo foon san tuqe hunna woyyummaa saniitiin qoomama; uffata kamiinuu yoo dhiinni ciinca'aa sun itti faca'e bakkuma woyyuu sanitti miicama. Kereen foon itti affeelame hin caccaba; yoo meeshaa sibiilaa keessatti affeelame qotamee bisaaniin haa dhiqamuu. Dhiirti worra gadichaa ta'e maruu foon san haa nyaatuu; foon sun ka guddisee woyyoome waan ta'eef. Garuu dhiinni ciinca'aa ka araara cubbu'uu ka gara daasee wol gayi'ii seene maruu hin nyaattamu ibiddaan gubama.› «Akkaataan seera dhiifamsa cubbu'uu ka guddisee woyyoome ittiin dhiyeessan kana; Ciincaan waan cubbu'uutiif dhiyaatu hulee ciinca'aatitti haa goorra'amuu; dhiinni hulee ciinca'aatii fi naannaya hulee ciinca'aatitti haa facaafamuu; moora maraa, duma maraa, moora mi'a gara'aa dhossu maraa hin dhiyeessa; kalee lamaan, cooma cinaacha biraa, moora tiruu irra jiru kalee woliin fuudha; gadichi ciincaa ibiddaan ciincayee Rabbiif dhiyaatu akka ta'u ibidda irratti ciinceessa; kun ciincaa yakkaati. Dhiirti worra gadichaa ta'e maruu hin nyaata; wonti nyaatan sun woyyuu waan ta'eef bakka woyyu'utti nyaatan. «Akkuma ciincaa cubbu'uutiif ta'e akkasuma kunillee ciincaa yakkaati; lachiifuu seerri tokko; nyaata san gadicha araarsutu fudhata; horiin eennullee ciinca'aaf dhiyeesse kamuu gogaan isaa gadicha ciincaa ciincawu dhiyeesse saniif kennama; kennaan midhaanii ka eelee irratti bilchaate maruu ka affeelame yookaan ka eelee irratti bilchaate maruu gadicha dhiyeessu saniif ta'a; kennaan midhaanii ka dhadha'aan sukkuumame yookaan midhaan gogaan maruu ijoollee Aaroonii maraafuu ta'a; isaan qixa haa qoodamanii. Seerri ciincaa fayyinnaa ka namni Rabbiif dhiyeessu kana; Namni tokko kennaa kana ciincaa galataa godhee yoo Rabbiif dhiyeessuu barbaade horii ciinca'aa woliin xoroshoo raacitii hin qabne ka dhadha'aan sukkuumame, xoroshoo haphii raacitii hin qabne ka dhadhaa diban, xoroshoo daakuu misha'aan sukkuumamee godhame ka dhadhaa uf keessaa qabu haa dhiyeessuu. Hennaa ciincaan galataa ka fayyinnaa Rabbiif dhiyaatu xoroshoo raacitii uf keessaa qabutu dhiyaata. Kennaa Rabbiif dhiyaatu maraa keessaa akka ta'u tokko fuudha; innillee gadicha dhiiga ciinca'aa facaasuuf ta'a; foon horii ciinca'aa guyyama ciinca'aaf dhiyaate san nyaattamee dhuma; wonti hafee bulu sirima akka hin jiraanne. «Yoo ciincaan ka fedhaan dhiyaate yookaan ka silataa yoo ta'e gaafuma ciincaan sun dhiyaate nyaatan; ka isa irraa hafe bariisaa nyaatan. Foon ciinca'aaf dhiyaate ka haga guyyaa sadihii turu ibiddaan ciincaya. Foon ciincaa fayyinnaa yoo guyyaa sadeesso'ootitti nyaattame misha'aa miti; nama dhiyeesse saniif bada'a; akka kennaa'aatitti hin laakkayamuuf; waan battii ta'eef nama foon san nyaatettillee cubbuu ta'a. Foon qulqulluu yoo wonti battiin tuqe hin nyaattamu ibiddaan gubama; «Namni qulqulluu ta'e maruu foon qulqulluu san haa nyaatuu; namni battaaye yoo ciincaa fayyinnaa ka Rabbiif dhiyaate irraa nyaate namni sun banii keessaa fooyamee haa baduu; waan battii jibbamaa kamiinillee yoo tuqe, ka namaa, yookaan busaayaa battaaye, yookaan waan battii jibbame ka biraallee yoo tuqe, foon ciincaa fayyinnaa ka Rabbiif dhiyaate irraa yoo nyaate namni sun banii keessaa fooyamee haa baduu.» Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Israa'eliitiin cooma horii gaafaa, ka hoola'aatii fi ka re'e'ee sirima hin nyaatinaa'a; cooma horii ufiin du'ee, cooma horii busaawaan qabeellee waan biraa irra oolchaa'a malee hin nyaatinaa'a. Namni cooma horii Rabbiif ciinca'aaf dhiyaate nyaate maruu banii keessaa fooyamee haa baduu; hulee jiraattan marattuu dhiiga allaatti'ii yookaan dhiiga hori'iitii fi ka busaawa'aallee hin nyaatinaa'a; namni dhiiga nyaatu maruu banii keessaa bayee haa baduu.» Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; namni ciincaa fayyinnaa Rabbiif dhiyeessu kennaa ciincaa fayyinnaa irraa Rabbiif dhiyeessa; ijoolleen isaa ciincaa ibiddaan ciincawu Rabbiif dhiyeessan; foon handaraafaa kennaa Rabbiin afo'otti sosochoosan; cooma handaraafaallee saniif fidan. Gadichi cooma san hulee ciinca'aa irratti guba; foon handaraafaa ammo Aaroonii fi ijoollee isaatiif haa ta'uu; ciincaa keessan ka fayyinnaaf dhiyeessitan luka mirgaa akka ciincaa sochoofamuutitti gadichaa kennitan. Dhiinninii fi coomni ciincaa fayyinnaa ka ijoollee Aarooniitiif dhiyaatu keessaa lutti mirgaa gayee namicha dhiyeessuu haa ta'uu. Handaraafa sosochoofamuu fi irree ciincaa fayyinnaa ka ijoollee Israa'elii fuudhee Aaroonii fi ijoollee isaatii baraa haga bara baraa ijoollee Israa'elii irraa isaanii kenneera. Gaafa Rabbiin gadumma'aan akka tajaajilaniif kennaa Rabbiif ibiddaan dhiyaate gayeen Aarooniitii fi ka ijoollee isaa kana; wonti Rabbi baraa haga bara baraa ijoollee ijoollee isaaniitii gaafa ijoollee Israa'elii dibe isaan ajaje kana» jedheen. Seerri kennaa midhaanii, ka ciincaa ciincawuu, ciincaa cubbu'uutii fi ciincaa yakkaa, ciincaa qulqullumma'aatii fi ciincaa fayyinnaa kana. Wonti Rabbi gaara Siina'aa lafa gammoojji'ii irratti kennaa akka Rabbiif dhiyeessaniif Muusee ajaje kana. Rabbi Muuse'een akkana jedhe; «Aaroonii fi ijoollee isaatiin uffata, dhadhaa dibatan, mirgoo ciincaa dhiifamsa cubbu'uutiif ta'u, korbeeyyii hoola'aa lama, xoroshoo kooboo lama fuudhi; banii maraa balbala daasee wol gayi'ii afo'otti wolitti qabi» Muuseenillee akkuma Rabbi isa ajaje godhe; baniin maruu daasee wol gayi'ii afo'otti wolitti qabaman; Muuseen bani'iin, «Wonti Rabbi akka ta'uuf ajaje kana» jedhe. Muuseen Aaroonii fi ijoollee isaa wolitti qabee bisaaniin dhiqe; qambisaa isaanitti uwwise; mudhii hidhachiise; qamisii itti uwwise, efuudiillee irraan dhayee sabbata ogumma'aan dhayameen hidhachiise; uffata qomaallee isaanitti godhee Uriimii fi Tumiimiin keessa kaayeef. Akkuma Rabbi Muusee ajaje sabbatallee mata'atti maree marata irratti gara afo'ootiin kennaa worqi'ii ka qulqullaaye malkata baala fakkaatu godheef. Muuseen dhadhaa dibu fuudhee mana bulti'iitii fi waan mana san keessa jiru maraa dibee woyyoomse; isa irraallee hulee ciinca'aatitti harka torbaa facaase; akka woyyoomaniif hulee ciinca'aatii fi meeshaa maraa, saanii irratti dhiqatanii fi waan isa irra kaayan dibe. Dhadhaa dibatan keessaa mataa Aaroonii irratti buusee baallii gadumma'aa kenneef. Akkuma Rabbi Muusee ajaje ijoollee Aaroonii fidee qambisaa isaanitti uwwisee mudhii isaanii sabbataan hidhee qoobiillee mataa irra godheef. Kanaan maayessa mirgoo ciincaa cubbu'uullee fidee Aaroonii fi ijoolleen Aaroonii harka ufii mataa mirgoo ciincaa cubbu'uutiif dhiyaate irra kaayan; Muuseen goorra'ee dhiiga qubaan tuqee naannaya gaaffan hulee ciinca'aa jiru dibee, hulee ciinca'aa woyyoomsee dhiiga hafe hulee ciinca'aa jalatti jissee araara isaanii godhee isaan woyyoomse; Muuseen moora mi'a gara'aa irra jiru maraa, moora tiruu irra jiru, moora kalee lamaan irra jirullee fuudhee hulee ciinca'aa irratti ciinceesse. Muuseen akkuma Rabbii isa ajaje gogaa mirgo'oo, foon, cumaa gandaan ala baasee raasa'atti gube. Achiin maayessa Muuseen korbeessa hoola'aa ka ciinca'aaf ta'u dhiyeessee Aaroonii fi ijoolleen isaa harka ufii mataa hoola'aa irra kaayan; Muuseenillee hoolaa goorra'ee dhiiga naannaya hulee ciinca'aatitti facaase; foon hoola'aallee akkaatama fooniitiin kukkutee mataa, foonii fi coomallee hin ciinceesse. Mi'a gara'aatii fi kottiin bisaaniin miicee foon korbeessa hoola'aa maraa hulee ciinca'aa irratti ciinceesse; kunillee ciincaa urgaayaa ture; kun akkuma Rabbi Muusee ajaje kennaa Rabbiif ibiddaan dhiyaate. Hoolaa lammeesso'oo ka woyyumma'aaf ta'u fidee Aaroonii fi ijoolleen isaa harka ufii mataa hoola'aa irra kaayan; Muuseen hoolaa goorra'ee dhiiga qaccee gurra mirgaa, abbuuddicha harka mirgaatii fi quba lukaa abbuuddichaa ka Aarooniitiin tuqe. Muuseen ijoollee Aaroonii wolitti qabee dhiiga fuudhee qaccee gurra mirgaa, qaccee quba harka mirgaa abbuuddichaa fi quba luka mirgaa abbuuddichaan tuqee dhiiga hafe naannaya hulee ciinca'aatitti facaase. Cooma, duma, moora mi'a gara'aa irra jiru maraa, moora tiru'uu, kalee lamaan, cooma isaaniitii fi luka mirgaa fuudhee xoroshoo Rabbiin afoo jiru keessaa, bixilee kooboo tokko, xoroshoo dhadha'aan sukkuumame tokko, xoroshoo haphii takkattii fuudhee coomaa fi irree mirgaa irra kaaye; maraa fuudhee harka Aarooniitii fi harka ijoollee Aaroonii irra kaayee kennaa Rabbiin afo'otti socho'u sosochoose. Kanaan maayessa Muuseen isaan harkaa fuudhee hulee ciincaan dhiyaatutti ciinceesse; kun urgaa mishaa Rabbiin garaa laaffisu; innillee kennaa ibiddaan Rabbiif ciincaye. Muuseen ammallee handaraafa fuudhee kennaa Rabbiin afo'otti sosochoosan godhe; kunillee akkuma Rabbi Muusee ajaje korbeessi hoola'aa ka woyyumma'aaf qalame gayee isaa ta'eef. Muuseen dhadhaa dibataatii fi dhiiga hulee ciinca'aa jiru fuudhee Aaroonii fi uffata isaa, ijoolle'ee fi uffata ijoollee isaallee woyyoomse. «Muuseen Aaroonii fi ijoollee Aarooniitiin foon balbala daasee wol gayi'iititti affeela'aatii Aaroonii fi ijoolleen Aaroonii haa nyaatanii jedhee ajaje; achumaan isaa fi xoroshoo woyyuu kooboo irra jiru nyaadhaa'a. Foonii fi dhiyana hafe ibiddaan gubdan; haga guyyaa torbaatitti gadoota waan isin taasisuuf haga guyyaan torbaa dhumatutti balbala daasee wol gayi'ii keessaa hin bayinaa'a. Rabbi akkuma araara guyyaa kana godhameetitti akka godhamu ajajeera. Kun seera Rabbi na ajaje, balbala daasee wol gayi'ii haga guyyaa torbaa halkanii fi guyyaa taa'aa'a seera Rabbiillee eegaa'a; yoo kana godhuu baattan hin duutan» jedheen. Aaroonii fi ijoolleen Aaroonii waan Rabbi Muusee ajaje maraa godhan. Guyyaa saddeetesso'ootitti Muuseen Aarooniin, ijoollee isaatii fi jaarsota Israa'elii waamee; Aarooniin akkana jedhe, «Ciincaa cubbu'uutiif hoolota keessaa korbeessa mudaa hin qabne, loon keessaa jibicha mudaa hin qabne fuutee Rabbiin afo'otti dhiyeessita. Isaanillee waan Muuseen isaan ajaje gara balbala daasee wol gayi'ii fidan; baniin maruu dhufanii Rabbiin afoo dhaabatan. Muuseen, «Wonti akka gootaniif Rabbi isin ajaje kana; ulfinni Rabbiillee isinitti mudhata.» isaaniin jedhe. Kanaan maayessa Muuseen Aarooniin, «Gara hulee ciinca'aa dhiyaadhuutii ciincaa cubbuu keetiitii fi ciincaa kee ka gubamu dhiyeessi; ufii fi banii irraallee cubbuu baasi; akkuma Rabbi ajaje kennaa bani'ii dhiyeessii isaanii araarsi» jedheen. Aaroon waan cubbuu ufiitiif gara hulee ciinca'aa dhiyaatee jibicha kenname goorra'e. Ijoolleen Aaroonii dhiiga dhiyeessaniif; inni quba ufii dhiiga keessa kaayee gaaffan hulee ciinca'aa jiraniin tuqee dhiiga hafe ammo hulee ciinca'aa jalatti jisse. Kanaan maayessa akkuma Rabbi Muusee ajaje kennaa ciincaa cubbu'uu, cooma, kalee, moora tiruu irraa hulee ciinca'aatitti gube; foonii fi gogaa ammo gandaan ala raasaa baasee gube. Horii ciinca'aallee goorra'ee ijoolleen Aaroonii dhiiga fidaniifii innillee naannaya hulee ciinca'aatitti facaase; horii ciinca'aa ka gubamu akkaatama fooniitiin mataallee fidaniifii inni hulee ciinca'aa irratti gube. Mi'a gara'aatii fi kottiinillee miicee hulee ciincaa itti ciinceessan irratti ciinceesse. Achiin maayessa korbeessa re'e'ee ka baniin waan cubbu'uutiif kenne fuudhee goorra'e; akkuma ka duraatitti waan cubbu'uutiif ciinceesse. Ciincaa ciincawu godhee akkuma seeraatitti dhiyeesse. Kennaa midhaaniillee dhiyeessee isa irraa ganaa tokko fuudhee ciincaa ganama gubatuun alatti hulee ciinca'aatitti ciinceesse. Waan bani'iitiif ciincaa fayyinnaa jibichaa fi hoolaa goorra'e; ijoolleen Aaroonii dhiiga fidaniifii inni naannaya hulee ciinca'aatitti facaase. Cooma hoola'aatii fi ka jibichaa, duma, moora mi'a gara'aa dhossu, kaleewwan, moora tiru'uu fidaniif; cooma sanniin maraa handaraafa irra kaayaniifii inni hulee ciinca'aa irratti ciinceesse; akkuma Rabbi Muusee ajaje Aaroon handaraafaa fi irree mirgaa kennaa ciinca'aa ka sosocho'u godhee Rabbiin afo'otti sosochoose. Aaroon harka ufii ol fudhatee banii eebbise; ciincaa fayyinnaa ka cubbu'uuf dhiyaate haga kenneen maayessa gad bu'e. Muuse'ee fi Aaroon daasee wol gayi'ii seenanii deebi'anii bayanii banii eebbisan; ulfinni Rabbii bani'itti mudhate. Ibiddi Rabbiin biraa bu'ee ciincaa hulee ciinca'aa irratti dhiyaate coomallee nyaate; baniin maruu kana argee ililfatee kallachaan gad kufee sagade. Ijoolleen Aaroonii Naadaabii fi Abiyuud girgiraa fuudhanii ibidda itti godhanii isa irratti hixaana buusanii ibidda biraallee ka inni hin ajanye dhiyeessan; kanaaf Ibiddi Rabbiin biraa bu'ee nyaatee Rabbiin afo'otti isaan ajjeese. Muuseen Aarooniin, «Rabbi ‹Worra gara kiyya dhiyaatan jiddu'utti woyyummaa kiyya mudhisa; ani banii kiyya afo'otti ka kabajjame ta'a› » jedhe; kana jennaan Aaroon cadhise. Muuseen eessuma Aaroonii ilmaan Uzi'eelii Misaa'ee fi Elsaafaaniin waamee «Kootta'aatii reeffa obboleewwan teessanii hulee woyyuu afo'oo fuudha'aatii gandaan ala gara raasa'aa baasaa'a» isaaniin jedhe. Isaanillee dhufanii kaasanii akkuma Muuseen jedhe qambisaa isaaniitiin gandaan ala gara raasa'aa baasan. Achiin maayessa Muuseen Aarooniin, ijoollee Aaroonii Alaazarii fi Itaamiriin, «Akka hin duune, lolli Rabbii banii maraa irratti akka hin buune gadditanii mataa hin haadatinaa'a, uffatallee uf irratti hin bibbiinxinaa'a; garuu worra Rabbi ibiddaan gubee isaan fixe maraafuu booyaa'a. Muudamni Rabbii waan isin irra jiruuf akka hin duune balbala daasee wol gayi'iitii hin fagaatinaa'a» isaaniin jedhe; isaanillee akkuma Muuseen jedhe godhan. Rabbi Aarooniin akkana jedhe, «Hennaa gara daasee wol gayi'ii seentan, akka hin duune atii fi ijoolleen tee daadhii woyini'iitii fi waan nama macheessu maraa hin dhuginaa'a; kun ijoollee ijoollee teessaniitiif seera baraa haga bara baraa isinii haa ta'uu; waan battaayee fi waan hin battoofne, waan woyyoomee fi waan battaaye gargar baasuu isin barbaachisa. Seera Rabbi karaa Muuse'eetiin isaanitti dubbate maraa ijoollee Israa'elii barsiisaa'a» Muuseen Aaroonii fi ijoollee Aaroonii ta du'a irraa hafte Alaazarii fi Itaamiriin akkana jedhe, «Kennaa guddisee woyyoome waan ta'eef kennaa midhaanii ka Rabbiif ciincaa ta'ee dhiyaatee hafe keessaa fuudha'aatii xoroshoo godha'aatii hulee ciincaan itti dhiyaatu biratti nyaadhaa'a. Kennaa ciinca'aa ka Rabbiif ibiddaan gubamee ciincayee dhiyaate keessaa kun gayee Rabbi ijoollee teessaniif kenne waan ta'eef hulee woyyu'utti nyaattan; waan Rabbi akkas jedhee na ajajeeruuf. Kunniin fayyinna ijoollee Israa'eliitiif, kennaa ijoollee teetiitiif, si'iif gayee akka ta'u waan kennamanii fi foon handaraafaa ka sosocho'u lukallee fuutanii atii fi ijoolleen tee ta intalaallee hulee woyyu'utti nyaattan. Lukaa fi handaraafa Rabbiin afo'otti sosochoosan cooma ibiddatti ciinceeffamu woliin haa fidanii akkuma Rabbi ajaje si'ii fi ijoollee teetiillee gayee baraa haga bara baraa haa ta'uu» jedheen. Muuseen re'een sababaa ciincaa cubbu'uutiif dhiyaate maal akka ta'e gaafatee ciincawuu isi'ii hubatee ilmaan Aaroonii Alaazarii fi Itaamiriin lolee, «Guddisee waan woyyuu ta'eef cubbuu bani'iitiif akka Rabbiin araara gaafattan isinii waan kenneef maaf ciincaa waan cubbu'uutiif hulee woyyu'utti dhiyaate hin nyaanne? Isin dhiiga hulee woyyuu hin seensifne; silaa akka ani isin ajajetti hulee woyyuu keessatti nyaattanii» isaaniin jedhe. Aaroon Muuse'een, «Kunoo adha ciincaa isaan waan cubbu'uutiif ciincawu ka Rabbiin afo'otti dhiyeessan uduu nyaadheera ta'e Rabbiin hin gammachiisaa? garuu wonti kun maruu na irra gaye» jedhee deebise. Muuseenillee hennaa waan kana dhagaye hin gammade. Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin akkana jedhe, «Ijoollee Israa'eliitiin akkana jedhaa'a; busaawaa lafaa irraa maraa keessaa wonti nyaattan kaniin; Busaawaa kottee baqaqa'aatii fi ka alala dhayan maraa nyaadhaa'a; garuu waan alala dhayu ka kottee baqaqa'aa keessaa kanniin hin nyaatinaa'a. Gaalli alala dhaya; garuu kotteen isaa duudaa waan ta'eef isin biratti batti'i. Osoleen alala dhoofti; garuu kotteen isi'ii duudaa waan ta'eef isin biratti battii haa ta'uu. Hilleettiin alala dhoofti; garuu kotteen isi'ii duudaa waan ta'eef isin biratti akka batti'ii haa taatuu. Booyyeen kotteen isaa baqaqa'a; garuu waan alala hin dhoofneef isin biratti akka batti'ii haa ta'uu. Foon busaawaa kanniinii hin nyaatinaa'a; raqa isaaniillee hin tuqinaa'a; kunniin isin biratti batti'i. «Waan bisaan keessa jiraatan maraa keessaa waan garbaa fi galaana keessa jiraatan maraa keessaa waan koolaa fi qonyonyaan qabu nyaadhaa'a; garuu kanniinii olitti Waan bisaanii fi galaana keessa sosocho'u, waan lubbuu qabu maraa ka koolaa fi qonyonyaan hin qabne maraa hin nyaatinaa'a; waan battii ta'aniif. Kunniin isin biratti balfamaa waan ta'eef foon isaanii hin nyaatinaa'a; raqa isaaniituu hin tuqinaa'a. Wonti koolaa fi qonyonyaan hin qabne ka bisaan keessaa maruu isin biratti balfama'a. «Gosa allaatti'ii keessaa wonti isin biratti balfama'aa ka isin hin nyaanne kanniin; bajja, risaa, abbaa mokkee, cuungulullee, Harraagessa akkuma gosa isaatiin, Guchii, Ebeeroo yookaan daakkiyyee, rumicha, Kerkeerii, Anshokora, cuquliisa akka gosa isaatiin, guutulee, raaree, yookaan simbira halkanii fa'a. «Wonti bararuu fi ka luka afuriin deemu maruu akkuma gosa isaaniitiin isin biratti batti'i; garuu worra bararan, worra luka afur qaban, worra luka cabsatanii lafa irra utaalan, kanniin nyaadhaa'a; kanniin keessaa awwaannisa, korophiisa, farda waaqaa, akkuma gosa isaaniitiin. Garuu wonti bararu, ka luka afur qabu ka sosocho'u maruu battaaya'a. «Kunniin isin batteessa; namni raqa waan kanniinii tuqu maruu haga aduun dhiitutti batti'i; Isaan keessaa namni raqa isaanii ol fuudhe maruu uffata ufii haa miicatuu; waan haga aduun dhiituu battii ta'eef; horiin kotteen isaa baqaqa'aa garuu ka guutu guutu'utti hin baqandhe, ka alala hin dhoofne isaan maruu isin biratti balfama'a; ka isaan tuqu maruu battaaya'a; Busaawaa luka afuriin deemu maraa keessaa ka gana'aan deemu isinii batti'i; namni raqa isaanii tuqu maruu haga galgalaa batti'i; namni raqa isaanii fuudhu maruu uffata ufii haa miicatuu; waan isin biratti battii ta'aniif. «Wonti ardii irra loowuu fi munyuuqu kunniin tuqaa, hantuuta, lootuu akkaatama gosa isaaniitiin, qocaa, naacha, qarchoo, wokkallee, gaararraa, wonti lafa irra sosocho'an maruu ka isin biratti batti'ii kanniin; ka raqa kana tuqu maruu haga galgalaatitti batti'i. Randhi bineensota kanniinii waan kamuu yoo tuqe, wonti tuqame sun batti'i; meeshaa mukaa uffata, erbeen qaraciiti'ii fi meeshaan itti hojjatan maruu yoo raqa kanniiniin tuqame bisaan keessa haa kaayamuu; waan haga galgalaa battii ta'eef; achiin maayessa hin qulqullaaya. Waan battii san keessaa tokko meeshaa faaraa keessa yoo bu'e, meeshaa sanniin maraa cabsaa'a; wonti isa keessa jiru batti'i; Bisaan achi keessaa sunillee waan nyaatan marattuu yoo jige, nyaata nyaattamuu fi bisaan dhugan irrattillee yoo jige, maraa hin batteessa; ka achi keessaa dhugu maruu hin battaaya. Wonti randhi sun irra bu'e maruu huleen ibiddaa haa diiggamuu, sunsumnillee haa caccabuu; battii waan ta'eef; isin birattillee battii waan ta'eef. Garuu burqaan, boolli bisaaniitii fi haroon qulqullu'u; bisaan randhi sun tuqe ammo batti'i. Randhi sun sanyii facaafamu yoo tuqe, sanyiin sun qulqullu'u. Garuu sanyiin sun haga bisaan tuqeen maayessa yoo randhi tuqe sanyiin sun batti'i. «Horii nyaattamu keessaa namni ka ufiin du'e tuqe maruu haga galgalaa batti'i. Namni raqa horii sanii nyaate, uffata ufii haa miicatuu, inni haga galgalaa batti'i; ka raqa san ol fuudhellee uffata ufii haa miicatuu haga galgalaa batti'i. «Waan lafa irra sosocho'u maraa battii waan ta'aniif hin nyaatinaa'a. Ka gara'aan lafa irra looyan, ka luka arfaniin shunquuqu, ka luka heddu qabu, wonti lafa irra socho'an maruu battii waan ta'aniif hin nyaatinaa'a. Waan lafa irra munyuuqan maraan nafa keessan hin batteessinaa'a. Isaaniin akka hin battoofne, nafa keessaniin isaan irraa uf eegaa'a; Ani Rabbi Waandhi keessan woyyuu waan ta'eef isinillee nafa keessan woyyoomsaa'a, woyyoota ta'aa'a; ani woyyuu waan ta'eef waan lafa irra loowu'uun sosocho'u maraan nafa keessan hin batteessinaa'a. Ani Rabbiin isinii ta'u'uuf biyya Misiriitii isin baase; kanaaf ani woyyuu waan ta'eef isinillee woyyoota ta'aa'a. Seerri bineensotaa, allaattii, uumama bisaan keessaa, uumama lafa irra socho'uu kana; kun waan lubbuu qaban ka batti'ii fi battii hin taane, ka nyaattanii fi ka hin nyaanne akka addaan baafattaniif.» Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; intalti yoo ulfooftee ilma deette, haga guyyaa torbaa xurooftu'u. Akkuma hennaa waan garaa haawwotaa argiteetitti xurooftu'u. Daa'ima san guyyaa saddeetesso'ootitti haa gadoomsanii; haga xurii dhiigaa san irraa qulqullooftuuf guyyaa soddomii sadihiitiif mana haa teettuu; haga wobaxaa dhiqattuuf waan qulqulluu akka hin tundhe; gara mana woyyu'uullee akka hin seenne. «Yoo intala deette haga torbaan lamaa xurooftu'u; haga wobaxaa dhiqattuuf haga guyyaa jahaatamii jahaa akka manaa hin baane. «Hennaa jiini wobaxaa dhiqattu dhumate dhiira, yookaan intala yoo ta'e, hoolaa woggaa tokkoo, ilmoo handari'ii, yookaan kuukurruu ciincaa dhiifamsa cubbu'uu balbala daasee wol gayi'iititti gara gadichaa haa fidduu. Gadichillee Rabbiin afoo dhiyeessee Rabbiin wolitti isii araarsa; isiinillee xurii dhiigaa irraa qulqulloofti; seerri dubartii dhiira yookaan intala deettee kana. «Korbeessa dhiyeessu'uuf yoo horiin hanqateef, kuukurruu lama yookaan ilmoolee handari'ii lama; tokko ciincaa ciincawuuf, ka lammeesso'oo ammo ciincaa cubbu'uutiif haa dhiyeessituu; gadichi Rabbiin wolitti araarsa; achiin maayessa isiin hin qulqulloofti.» Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin akkana jedhe, «Gogaa nama kamiin irrattillee iita yookaan shifiniinni yookaan baccarroon yoo argame gogaa isaa irratti akka dhibee gogaa kukkutuu yoo ta'e, gara gadicha Aaroonii yookaan gara gadoota ijoollee Aaroonii keessaa gara nama tokkoo haa fidanii; gadichillee dhibee gogaa foon isaa irratti mudhate hin arga; yoo rifeensi yookaan coraan irraa luqqa'ee dhibeen isaa gogaa irraa gara foonii gad lufe, dhibee gogaa kukkutu; batti'i haa jedhuunii. Garuu yoo baccarroon sun gogaa addeessee foon keessa ka gad hin buune ta'e, yoo rifeensi hin addaanne, gadichi sun namicha dhibame san guyyaa torbaaf mana addaatitti itti haa cufuu. Guyyaa torbeesso'ootitti gadichi laalee yoo dhibeen sun akkasumatti jiraate, gogaa isaa irra yoo babadhatee hin jiraanne, ammallee guyyaa torbaaf achuma haa teessisuu; gadichi sun ammallee guyyaa torbeesso'ootitti isa laalee yoo madaan qooree qaama isaa irratti hin babadhatin, gadichi sun ati fayya'a; kun citto'o; uffata miicadhu hin qulqullooftaa» jedhaan. Garuu haga gadichi akka inni qulqullaaye beekeen maayessa cittoon isaa sun yoo gogaa isaa irra babadhate, ammallee deebi'ee gadichaan haa laallamuu. Gadichillee isa laalee yoo cittoon sun gogaa isaa irratti babadhate sun batti'i, dhibee gogaa kukkutu jedhaan. «Dhibeen gogaa kukkutu qaama namaa keessatti yoo argame gara gadichaa haa fidanii, Gadichi laaleenii yoo gogaa isaa irratti iita adii ta'ee rifeensa goga'aa yoo jijjiire, foon isaa iita keessa yoo malaa guure, Kun dhibee gogaa kukkutu ka gogaa isaa irra ture jedhaan; kun batti'i; kanaaf gadichi mana addaatitti balbala itti hin cufu. Dhibeen gogaa kukkutu kun nafa isaa irratti bayee babadhatee yoo addaate, gadichi namicha dhibee gogaa kukkutuun qabame gogaan isaa maruu mataa irraa haga lukaa dhibee kanaan akka qabame yoo beeke, gadichi dhibeen mataa irraa haga lukaatitti qabamuu isaa yoo arge, namicha dhibame san ati qulqullu'u jedhaan; waan foon yookaan gogaan isaa maruu sirima jijjiiramee adii ta'eeruuf. Yoo foon isaa malaa qabaate ammo battii ta'a. Gadichi foon kulkulee malaa guure yoo arge batti'i jedhaan; foon madaayee kulkule sun dhibee battii gogaa kukkutu jedhaan. Yoo madaan deebi'ee fayyee addaate deebi'ee gara gadichaa dhufa; Gadichillee laaleenii yoo addaatee jiraate, gadichi namicha dhibame saniin ati qulqullu'u jedhaan. «Yoo foon isaa iitayee fayye, huleen fayye yookaan gadaannifni yoo iitayee addaate, yookaan diimatee akka baccarro'oo yoo ta'e, gara gadichaa dhaqee itti uf haa mudhisuu. Yoo madaan sun gogaa keessatti gad boolleessee rifeensi isaallee yoo addaatee jijjiiramee jiraate, gadichi batti'i kun dhukkuba gogaa kukkututu itti bayeera jedha. Garuu gadichi argee yoo rifeensi hin addaanne, yoo dhukkubnillee foon keessa gad seenee hin jiraanne, yoo fayyee jiraate gadichi guyyaa torbaaf mana addaatitti itti haa cufuu. Dhibeen sun gogaa isaa irra yoo babadhate batti'i; dhibee gogaa kukkutu jedhaan. Garuu yoo baccarroon nafa isaa irra babadhachuu baatee nafa isaa irratti fayyee gadaannisa ta'e, gadichi ati qulqullu'u jedhaan. «Namni tokko nafti isaa ibiddaan gubatee hulee gubate san fayyee yoo addaate, yookaan yoo diimate, baccarroon yoo mudhate, gadichatti uf mudhisee nafti isaa sun yoo adii ta'ee huleen sun yoo foon keessa gad bu'ee jiraate, dhibeen kun dhibee gogaa kukkutu ka sababaa ibiddaatiin ta'e; kanaafuu gadichi nama saniin batti'i jedha. Gadichi laalee dhibeen baccarro'oo sun akka hin addaanneef rifeensi isaa yoo hin jijjiiramnee fi nafa isaa keessa madaan yoo gad hin seenne garuu yoo fayye gadichi mana addaatitti itti haa cufuu. Gadichi guyyaa torbeesso'oo irratti deebi'ee yoo laalu dhibeen sun gogaa irratti yoo babadhateera ta'e, kun batti'i; dhibee gogaa kukkutu jedha. Garuu baccarroon sun gogaa irratti babadhata'aa uduu hin deemin hafee gogaan callaan yoo jijjiirame dhibee badaa nama shakkisiisuu miti; gadaannisa gubataa waan ta'eef nama saniin gadichi ati qulqullu'u jedhaan. «Dhiirti yookaan intalti takka yoo mataa yookaan areeda irraa madaa qabaatan, gadichatti uf haa mudhisanii; yoo madaan sun foon keessa gad bu'ee jiraate, yoo rifeensillee bifti isaa boora ta'e, gadichi batti'i jedhaan; dhibee mata'aa yookaan bo'isaa dhibee gogaa kukkutu ka areedaati jedha. Gadichi yoo dhibee bo'isa'aa arge, dhibeen sun yoo gogaa keessa hin seenne, yoo rifeensa gurraacha hin qabaanne gadichi nama dhibee bo'isa'aa qabu san guyyaa torbaaf mana addaa keessatti balbala itti haa cufuu. Guyyaa torbeesso'ootitti gadichi dhibee san hin laala; yoo bo'isaan sun babadhatee hin jiraanne, yoo rifeensi isaa boora hin taanee fi yoo madaan sun keessa gad seenee hin jiraanne, haa haadamuu. Bo'isa garuu hin haadan; gadichi nama dhibee bo'isa'aa qabu sanillee guyyaa torbaaf mana hojjaatitti balbala itti cufa. Guyyaa torbeesso'ootitti dhibee san laala; yoo madaan sun nafa isaa irratti babadhatee hin jiraanne, yoo nafa yookaan foon keessa seenee hin jiraanne, gadichi qulqullu'u isaan jedha; inni uffata ufii miicatee qulqulluu ta'a. Garuu haga qulqullaayeen maayessa bo'isaan yoo gogaa isaa irratti babadhate, gadichi hin laalaan. Yoo dhibeen sun nafa isaa irratti babadhate, gadichi rifeensa boora hin soqu; battii waan ta'eef. Garuu yoo dhibeen sun akkasumatti jiraatee rifeensi gurraachi irratti marge, bo'isaan sun fayyeeraaf; innillee qulqullu'u; gadichillee ati qulqullu'u jedhaan. «Gogaa dhiiraa yookaan gogaa intalaa irra baccarroon yoo jiraate, gadichi hin laala; yoo baccarroon gogaa irraa sun addaate, baccarro'otu gogaa irratti bayeera malee inni yookaan isiin qulqullu'u. Namni tokko yoo rifeensi mataa isaa haphatee molaaye, duraa duubaanillee yoo molaaye, batti'i hin jedhamu. Rifeensi mataa isaa yoo addaa haphatee molaaye, inni qulqullu'u. Garuu yoo mataan molaaye sun madaa adii yookaan madaa diimaa qabaate, inni dhibee gogaa kukkutu. Gadichi hin laalaan, iitti dhibe'ee yoo gogaa foon isaa irra ta'ee dhibee gogaa kukkutu fakkaatee moluu irratti adii, yookaan ka diimate ta'e, nama dhibee gogaa kukkutu qabu; kanaafuu inni batti'i; Gadichi batti'i jedhaan; dhibeen mataa isaa irra jira. «Namni dhibee badaa akkanaa kana qabu, uffata ciccitaa haa uffatuu, rifeensa ufiillee haa muratuu, funyaanitti faxoorratee, ‹ani batti'i!› haa jedhuu. Haga dhibeen sun irra jiru inni batti'i; kanaafuu ganda keessaa bayee hojja ufii haa taa'uu. «Yoo dhibeen badaan sun uffata irra jiraate, uffanni isaa sun uffata rifeensa hoola'aa irraa hojjatame yookaan ka gad diratan yoo ta'e, rifeensa irra yookaan jirbii irra yoo ta'e, bifti isaa yoo akka bifa margaa yookaan yoo diimate, dhibee namatti lufu waan ta'eef gadichatti uf haa mudhisuu. Gadichi uffata san laalee haga guyyaa torbaatiif mana hojjaatitti itti haa cufuu. Gadichi ammallee guyyaa torbeesso'ootitti dhaqee haa laaluu; yoo malkanni dhibe'ee sun uffata irra babadhatee jiraate, uffanni sun maruu batti'i. Ka ibiddaan gubamee badu waan ta'eef gadichi ibiddaan haa gubuu. «Garuu hennaa gadichi uffata san qoree laalu yoo malkanni dhibee sanii irratti babadhatee hin jiraanne, Uffanni sun miicamee haga guyyaa torbaa adda haa taa'uu. Achiin maayessallee deebi'ee gadichi haa laaluu; yoo babadhatuullee baate biftillee yoo jijjiiramuu baate, ammallee battima; duraa duubaanillee akka waan shamuu ta'ee yoo jiraate uffanni sun haa gubamuu. Garuu yoo gadichi deebi'ee laalu yoo shamnanni sun irraa diqqaatee malkanni dhibe'ee sun hulee diqqoo irra ta'e, hulee san uffata irraa kutee haa baasuu. Yoo dhibeen sun deebi'ee mudhate, waan babadhata'aa deemuuf abbaammaan uffata sanii haa gubuu. Hennaa uffata san miicu malkanni dhibee sanii yoo irraa bade, ammallee itti deebi'ee haa miicuu; achiin maayessa akka seera qulqulleessu'uutiin hin qulqullaaya.» Eegasuu seerri kun uffata gad diratan ta'ee'e uffata rifeensa hoola'aa irraa hojjatame, uffata gogaa irraa hojjatame ka jirbi'iitii fi ka fooyaa jirbi'ii ta'e akkaataa kanniiniin dhibee badaa goga'aa ka lufu ittiin beekan. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Seerri nama dhibee gogaa kukkutuun qabamee kenname kana; Nama akkasii gara gadichaa haa fidanii. Gadichi ganda keessaa achi baasee fayyu'uu fi fayyuu dhabuu isaa laalaan. Achiin maayessa gadichi waan namicha dhibee gogaa kukkutuun qabameetiif simbira qulqulluu lamaan, muka birbirsaa, fooyaa jirbi'ii, diimaa dhiilge'ee fi baala hisoophi'ii akka fidu ajajaan. Achiin maayessa gadichi simbira lamaan sanniin keessaa tokko keree keessa kaayee burqaa bisaanii irratti akka goorra'u ajajaan. Simbira jirtuu muka birbisaa fooyaa jirbi'ii diimaa dhiilge'ee fi baala hisoophi'iillee fuudhee dhiiga simbira keree keessa hulee burqa'aa biratti goorra'e keessatti cuuphee nama dhibee gogaa kukkutu irraa fayye sanitti harka torbaa facaasee ati qulqullu'u jedhee simbira hafte akka barartu raasaa keessa gad dhiisa. Namni qulqullaaye sun uffata ufii miicata, mataallee hin haadata; nafa ufii bisaaniin dhiqatee qulqullaaya; achiin maayessa gara gandaa gala; garuu hulee daasee bulti'iitiin ala guyyaa torbaa taa'a. Guyyaa torbeesso'ootitti rifeensa mata'aa, areeda, nyoora, rifeensa qaama ufii maraa hin haadata; uffata ufiitii fi nafa ufii dhiqatee qulqullaaya. «Guyyaa saddeetesso'ootitti korbeessa hoola'aa lamaan ka mudaa hin qabne, goromtii hoola'aa ta woggaa tokkoo ta mudaa hin qabne, kennaa midhaanii, daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame kudhan keessaa harka sadihii ka dhadha'aan sukkuumame, daakuu mishaa iifii tokko dhiyeessa. Gadichi namicha san qulqulleessu kennaa inni dhiyeesse san woliin qabee balbala daasee wol gayi'iititti Rabbiin afoo dhiyeessa. Kanaan maayessa gadichi korbeeyyii hoola'aa keessaa tokko fuudhee waan ciincaa yakkaatiif dhadhaa ejersaa fuudhee Rabbiin afo'otti sosochoosa. Waan ciincaa cubbu'uu ta'ee dhiyaatu hulee ciinca'aaf qophaaye qulqulluu irratti korbeessa goorra'a; wonti gadichi sun akkana godhuuf ciincaan yakkaa akkuma waan ciincaa araara cubbu'uutiif dhiyaatuu gayee gadichaa ta'ee waan kennamuuf; inni guddisee woyyu'u. Gadichi dhiiga hoolaa ciinca'aa fuudhee akka seeraatitti qaccee gurra mirgaa, abbuuddicha harka mirgaatii fi abbuuddicha quba luka mirgaa ka namicha qulqullaawuutiin tuqa. Gadichi dhadhaa ejersaa irraa diqqoo fuudhee ganaa isaa ka bita'aa irratti buusaaf; gadichi dhadhaa ejersaa ka harka isaa irra jiru quba harka mirgaatiin tuqee harka torbaa afoo Rabbiititti quba ufiitiin facaasa. Gadichi dhadhaa ejersaa ka harka isaa irratti hafe qaccee gurra mirgaa, quba abbuuddichaa ka harka mirgaatii fi ka luka mirgaa dhiiga korbeessaa ka waan cubbu'uutiif dhiyaateen tuqa. Dhadhaa ejersaa ka harka isaa irratti hafe fuudhee mataa isaa irratti haa buusuu; akkaataa kanaan gadichi seera woyyoomsu'uu raawwata. «Kanaan maayessa gadichi akkaataa kanaan ciincaa araara cubbu'uu raawwata; ammallee ciincaa biraatiif horii biraa qala. Kanallee ciincaa midhaanii woliin hulee ciinca'aatitti ciinceessa; akka kanaan gadichi seera ciincaa araaraa raawwata, innillee hin qulqullaaya. «Namichi kana maraa dhiyeessuu yoo hin dandeenne ta'e akka araaraaf isaa ta'u korbeessa hoola'aa tokko ka ciincaa araaraa ta'ee Rabbiin afo'otti sosochoofamu haa fiduu; ka hafe sun gayaa gadichaa ta'a; kanuma woliin daakuu iifii tokkoo ka dhadha'aan sukkuumame ciincaa midhaanii woliin dhiyeessa; akkasuma dhadhaa ejersaa sadihi keessaa harka tokko dhiyeessa. Akkasuma haguma hunni isaa danda'een handarii lamaa yookaan kuukurruu lamaa keessaa ka danda'e tokko ciincaa cubbu'uutiif, ka lammeesso'oo ammo ciincaa gubamuuf haa dhiyeessuu. Guyyaa saddeetesso'ootitti gadichi waan cubbuu irraa fayyiiti'iitiif gara daasee wol gayi'ii Rabbiin afoo fida. Gadichi dhadhaa ejersaa iifii tokkoo ciincaa korbeessaa ka dhiyaatu woliin ciincaa Rabbiin afo'otti sosocho'u taasisee fidee Rabbiin afo'otti goorra'a; namicha qulqulleeffamu san qaccee gurra isaa ka mirgaa quba abbuuddicha harkaatii fi ka lukaa tuqaan. Gadichi dhadhaa ejersaa san harka bita'aa ka namicha qulqullaawuu irratti buusa. Gadichi dhadhaa ejersaa ka harka isaa ka bita'aa keessa jiru san harka torbaa Rabbiin afo'otti facaasa. Gadichi dhadhaa ejersaa ka ganaa isaa keessa jiru san fuudhee qaccee gurra mirgaa, qaccee abbuuddicha harkaatii fi ka quba lukaa dhiiga araara yakkaa san woliin hulee dhiinni araaraa irra jiru saniin tuqa. Gadichi Rabbiin wolitti isa araarsu'uuf dhadhaa ejersaa ka harka isaa irratti hafe san mataa namicha qulqullaawuu san irratti buusa. Yoo danda'e kuukurruu yookaan ilmoolee handari'ii keessaa takkattii haa dhiyeessuu. Yoo danda'e tokko dhiifamsa cubbu'uutiif; ka biraa ammo kennaa midhaanii woliin ciincaa ciincawu godhee dhiyeessa; gadichi nama qulqullaawu san Rabbiin afo'otti araara goosisaaf. Nama dhukkuba gogaa kukkutuun qabame seerri inni ittiin qulqullaawu kana; ka waan ittiin qulqullaawu dhabeefillee seerri kana» jedheen. Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin akkana jedhe, «Hennaa gara ristii ani isinii kennuu ta biyya Misiriititti galtan yoo ani dhibee gogaa kukkutu biyya ristii isinii kenne keessatti mana nama tokkootitti fide. Namni sun gara gadichaa dhufee waan dhibeen mana kiyya seeneeru natti fakkaata jedhee itti haa himuu. Gadichi meeshaan mana isaa keessa jiru maruu akka hin battoofne meeshaa manaa yaasisee mana duwwaa akka godhu ajaja; achiin maayessa gadichi mana seenee laala. Dhibee laalee yoo dhibeen sun dhaaba manaa irratti boolla baasee dammeessaye yookaan yoo shame; gadichi mana sanii bayee balbala haga guyyaa torbaa cufa. Gadichi guyyaa torbeesso'ootitti deebi'ee mana san laala; dhibeen yoo deebi'ee mana keessa babadhate gadichi dhagaa muka malkanni dhibe'ee irratti argame sanniin ganda keessaa baasisee gara raasa'aatitti akka gatan ajaja. Kanaan maayessa mana ammo keessa isaa maraa irraa haa bocuu; biyyee irraa bocame gandaan alatti gara raasa'aa baasee hulee bada'atti haa gatamuu. Hulee dhagaa yookaan munni sun keessaa bayetti dhagaa biraa yookaan dhoqqe'een haa laambubanii. Dhibeen sun yoo itti deebi'ee haga dhagaan sun keessaa bayee manni bocamee haga laambubameen maayessa yoo dhibeen sun deebi'ee mana keessatti babadhate, gadichi seenee laalee yoo dhibeen sun mana keessatti babadhate dhibeen sun dhibee batti'i. Gadichi mana san diigee dhagaa'a, dhoqqe'ee fi muka diiggame san waan battii ta'eef gandaan ala gara raasa'aa baasee gata. Mana cufame san namni banee seene haga galgalaa hin battaaya. Namni mana san keessa buluu fi ka waa itti nyaatullee uffata ufii hin miicata. «Gadichi mana seenee laalee haga laambubameen maayessa yoo dhibeen sun mana san keessa babadhachuu baate waan dhibeen sun badeef manni qulqullu'u jedha. Mana qulqulleessu'uuf simbira lamaa muka birbirsaa, fooyaa jirbi'ii, diima'aa fi baala hisoophi'ii fudhatee simbira sanniin keessaa tokko meeshaa faaraa yookaan keree keessatti burqaa bisaanii irratti goorra'ee muka birbirsaa, baala hisoophi'ii, fooyaa jirbi'ii diima'aa fi simbira hafellee fuudhee dhiiga simbira goorra'amtee maraa fuudhee bisaan burqa'aa keessatti cuuphee harka torbaa mana irratti facaasa. Manallee dhiiga simbiraa burqaa bisaaniitiin simbira lubbu'uun jirtu muka birbirsaatiin, baala hisoophi'iitii fi fooyaa jirbi'ii diimaa saniin qulqulleessa. Simbira hafte ammo baasee raasa'atti gad dhiisa; mannillee hin qulqullaaya; araarrillee hin ta'aaf. «Seerri kun seera waan dhukkuba dhibee gogaa namaatiif kenname. Dhibee uffataa cittoo'o, dhibee mana keessa jiruu, Iitawuu'u, baccarroo, wonti tokko qulqulluu yookaan battii ta'uu isaa seerri ittiin beekkamu kana» jedheen. Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin akkana jedhe, «Ijoollee Israa'eliititti akkana jedha'aatii himaa'a; «Eennullee qaama isaa keessaa wonti akka bisaanii waan bawu yoo ta'e, sababaa waan isa keessaa jigu saniif inni battaaya'a; Wonti battiin jigu sun kana; wonti qaama keessaa jigu yoo jiguu dhiise batti'i; namni qaama isaa keessaa waan jigu qabu, sireen yookaan huleen inni ciisuu fi huleen inni taa'u maruu batti'i. Namni siree san tuqu maruu uffata ufiitii fi qaama ufii haa dhiqatuu; haga galgalaa inni batti'i. Namni hulee nama qaama isaa keessaa bisaan bayu irra taa'e irra taa'u uffata ufiitii fi qaama ufii haa dhiqatuu. Namni namicha qaama isaa keessaa wonti akka bisaanii bawu tuqe, uffataa fi nafa ufii haa dhiqatuu; haga galgalaa inni batti'i. Namni qaama isaa keessaa wonti akka bisaanii bawu sun nama biraa qulqullu'utti yoo tufe, namichi itti tufame sun uffata ufiitii fi nafa ufii haa dhiqatuu. Kooraan namni wonti akka bisaanii keessaa jigu irra taa'e martinuu batti'i. Namni meeshaa inni irra taa'e sanniin keessaa tokko yoo tuqe maruu haga galgalaa batti'i; namni meeshaa kana ol fuudhellee uffata ufii haa miicatuu; nafa ufiillee bisaaniin haa dhiqatuu; haga galgalaa inni batti'i. Namni wonti akka bisaanii nafa isaa keessaa jigu uduu harka hin dhiqanne tuqu maruu uffata ufii haa miicatuu; nafa ufiillee haa dhiqatuu; inni haga galgalaa batti'i. Faarri namni wonti akka bisaanii qaama isaa keessaa jigu tuqe, haa caccabuu; ka mukaa yoo ta'e maruu bisaaniin haa miicamuu. «Namni wonti akka bisaanii qaama isaa keessaa jigu yoo qulqullaaye qulqullaayuun isaa yoo guyyaa torba ta'een, achiin maayessa uffata ufiitii fi nafa ufii bisaan burqa'aatiin miicata; yoo san qulqullaayaa ta'a. Guyyaa saddeetesso'ootitti kuukurruu lamaa yookaan ilmoolee handari'ii lamaan qabatee Rabbiin afoo balbala daasee wol gayi'iititti dhufee gadichatti kenna. Gadichi tokko ciincaa cubbu'uutiif ka lammeesso'oo ammo waan akka bisaanii ka nafa namichaa keessaa jiguuf Rabbi akka araaramuufiif ciincaa dhiyeessa. «Eennullee yoo qaama isaa keessaa bisaan hormaataa yookaan sanyiin korma'aa isa keessaa jige, nafa ufii maraa haa dhiqatuu; inni ammo haga galgalaa battaaya'a. Uffanninii fi erbeen bisaan hormaataa tuqe bisaaniin haa miicamuu; kunillee haga galgalaatitti battaaya'a. Dhiirti yoo dubartii bira geette isaan lamaanuu bisaaniin haa dhiqatanii; lamaanuu haga galgalaatitti battii ta'an. «Dubartiin yoo garaa argite haga guyyaa torbaa batti'i; namni isii tuqellee battaaya'a. Hennaa garaa argite kana wonti isiin irra ciifte batti'i; ka isiin irra teettullee battaaya'a. Namni waan isiin irra ciifte tuqu maruu uffata ufiitii fi nafa ufii haa miicatuu; inni haga galgalaa battaaya'a. Namni waan isiin irra teette tuqe maruu uffata ufii haa miicatuu; nafa ufii haa dhiqatuu; inni haga galgalaa battaaya'a. Namni waan isiin irra ciiftuu fi waan isiin irra teettu tuqe haga galgalaa battaaya'a. Eennullee yoo isii woliin ciisee battummaan isi'ii sun isa tuqe inninii fi huleen inni ciisullee haga guyyaa torbaa battaaya'a. «Dubartiin takka hennaa garaa argitu irra lufee dhiinni isi'ii guyyaa hedduuf yoo jige, yookaan dhiinni isi'ii sun akkuma hennaa garaa argitee caalaa dhiinni isi'ii yoo jige isiin battooftu'u. Hennaa dhiinni isi'ii jigu kana huleen isiin irra ciiftee fi huleen isiin irra teette maruu akkuma duraa battaaya'a. Namni waan kanniin maraa tuqu uffata ufii haa miicatuu; nafa ufii haa dhiqatuu; inni haga galgalaa battaaya'a. Dhiinni isii keessaa jigu sun yoo dhaabate guyyaa torbaa haga teetteen maayessa qulqulluu taati. Guyyaa saddeetesso'ootitti kuukurruu lamaa yookaan ilmoo handari'ii lamaan fuutee daasee wol gayi'ii afo'otti gadichatti fiddi. Gadichi kuukurruu tokko ciincaa cubbu'uutiif, ka lammeesso'oo ammo ciincaa ciincawuuf dhiyeessa, waan battummaa dhiiga isi'iitiif Rabbiin araara gaafata. «Akkasuma Rabbi ijoolleen Israa'elii battumma'aan hulee bulti'ii ka Rabbiin itti waaqeffatan akka hin xureessine; seerri Muuse'etti kenne kana.» Nama dhiiraa yookaan intala; nafa isaa yookaan nafa isi'ii keessaa wonti akka bisaanii bawu, Dhiirti dubartii akka seeraatiin hin qulqulloofne woliin ciisu maraafuu seerri kenname kana. Haga ijoolleen Aaroonii lamaan Rabbiin afoo dhiyaatanii du'aniin maayessa Rabbi Muuse'een, «Obboleessa kee Aaroonitti ani duumessa keessaan qadaada saanduuqa araaraa irratti waan mudhadhuuf akka hin duune gara hulee golga keessaa, gara hulee saandundhi araaraa jiruu hulee hennaa maraa woyyu'uu akka hin seenne itti himi. Aaroon hennaa achi seenu jibicha ciinca'aa, korbeessa hoola'aa ka ciincaa ciincawuu qabatee hulee woyyuu haa seenuu» jedheen. «Aaroon hennaa achi seenu nafa ufii dhiqatee qambisaa qulqullaayaa jirbii irraa hojjatame, boggee talbaa irraa hojjatameen mudhii hidhatee, sabbata mata'atti maratee uffata qulqullaayaa kanniin haa uffatuu. «Baniin ijoollee Israa'elii waan araara dhiifamsa cubbu'uutiif korbeeyyii re'iinii lamaa fi korbeessa hoola'aa tokko Aaroonitti haa fidanii. Aaroonillee jibicha ciinca'aa ka inni jedheen dhiyeessa; ufii fi maatii ufiitiillee araara kadhata. Achiin maayessa korbeeyyii re'iinii lamaa balbala daasee wol gayi'ii ka Rabbi itti waaqeffamu afoo haa fiduu. Aaroon re'iin lamaan sanniinitti hixaa buusa; ka hixaan qabe ka Rabbiiti; ka hixaan hin qabne ammo gad dhiifama. Aaroon re'ee hixaan qabe Rabbii fidee waan cubbu'uutiif ciincaa godha. Re'ee akka gad dhiifamu hixaan hambise Rabbiin afo'otti dhiyeeffamee akka araara cubbu'uu ta'u lafa raasa'aatitti gad dhiifama; Rabbiin afoo lubbu'uun jiraata.» jedheen. Aaroonillee waan cubbuu ufiitiif jibicha ciinca'aa dhiyeessa; maatii ufiitiifillee araara gaafata; cubbuu ufiitiifillee jibicha ciinca'aa dhiyeessee Rabbiin afo'otti goorra'a. Barbadaa ibiddaa ka Rabbiin afoo jiru girgira'atti guuta; hixaana tumame urgaayaa ganaa guutuu fuudhee gara woyyittii woyyootaa fida. Inni akka hin duune hixaanni saanduuqa waada'aa akka dhossu hixaana Rabbiin afo'otti ibiddatti buusa. Dhiiga jibichaa fuudhee gara hulee ciincaa dhiifamsaa gara baya biiftu'uutitti qubaan facaasa; dhiiga qadaada saanduuqa waada'aa afo'otti hennaa torbaa facaasa. Achiin maayessa re'ee ciinca'aa ka waan cubbuu bani'iitiif ciincawu goorra'a; dhiiga isaallee gara woyyittii woyyootaa fidee akkuma dhiiga jibichaa san godhe godha; qadaada saanduuqa waada'aa afo'oo fi duubattillee hin facaasa. Waan cubbuu ijoollee Israa'elii battummaa isaanii seera diiguu isaaniitiif daasee wol gayi'iititti araaraaf dhiyeessa; daasee qulqulluu ta isaan jidduu jiraatteefillee akkasuma godha. Haga inni ciincaa araaraa ufiif maatii ufiitii fi banii Israa'elii maraa daasee wol gayi'ii keessatti araara dhiyeessee bayuuf eennullee achi keessatti hin argamin. Inni gara hulee ciincaa araaraa itti dhiyeessanii Rabbiin afoo dhiyaatee araarsa; dhiiga jibichaatii fi dhiiga re'e'ee fuudhee gaafa hulee ciinca'aa jiruun tuqa. Dhiiga san irraa fuudhee qubaan hennaa torbaa facaasee battummaa ijoollee Israa'elii qulqulleessee woyyoomsa. Haga hulee daasee wol gayi'ii ta qulqullumma'aatiif hulee ciinca'aatitti ciincaa araaraa raawwateen maayessa re'ee jiraa Rabbiif dhiyeessa. Aaroon harka ufii lamaan mataa korbeessa re'e'ee irra kaayee cubbuu seera diigu'uutii fi yakka ijoollee Israa'elii maraa himee waan jedhe san maraa mataa re'e'ee irra kaaya; achiin maayessa nama qophaayeen gara lafa raasa'aa ari'a. Re'een sun cubbuu isaanii maraa baadhata; achiin maayessa achi fidee biyya gammoojji'ii keessatti gad dhiisa. «Aaroon gara daasee wol gayi'ii seenee uffata sanniin mulqatee achitti dhiisa; hulee woyyu'utti bisaan qulqullu'uun nafa ufii dhiqatee uffata ufii uffatee baya; ciincaa ciincawu ka ufiitii fi ciincaa ciincawu ka bani'ii dhiyeessa; ufii fi bani'iillee araara gaafata. Ciincaa coomaa ka waan cubbu'uutiif ciincaye hulee ciinca'aa irratti ciinceessa. Namichi re'ee gad dhiifame san gara lafa raasa'aa fide sun uffata ufii hin miicata; nafa ufiillee hin dhiqata; achiin maayessa gara qe'ee ufii deebi'a. Dhiiga jibicha waan cubbu'uutiif gara mana woyyu'uu seeneetii fi re'ee ciincaa cubbu'uutiif dhiyaate sanniin gara raasa'aa baasee gogaa, foonii fi cumaa isaanii maraa ibiddaan guba. Namichi kanniin gube uffata ufii miicatee nafa ufii dhiqatee achiin maayessa gara qe'ee gala. Sambata hara itti baafattan isinii ta'a; uf salphiftan; gad uf deebiftan; kun seera baraa haga bara baraa isinii haa ta'u. Ka muudamu ka bakka abba'aa gadaa ta'u gadaan sun araara gaafatu'uuf uffata woyyoome fooyaa jirbi'iitiin hojjatame haa uffatuu. Woyyittii woyyootaatittillee araara haa dhiyeessuu; daasee wol gayi'iitii fi hulee ciincaa itti dhiyeessaniillee gadootaa fi banii maraafuu araara haa dhiyeessuu. Woggaa keessa hennaa tokko waan cubbuu ijoollee Israa'eliitiif seera baraa haga bara baraa haa ta'uu» Akka kanaan Muuseen waan Rabbi isa ajaje maraa godhe. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Aaroonii fi ijoollee Israa'elii maraa Rabbi akkana jedha jedhii isaanitti himi; Namoota Israa'elii keessaa eennullee sangaa'a, hoola'aa fi re'ee yoo qale gandaan alatti yookaan ganda keessatti yoo qale, hulee woyyittii Rabbii saanduuqa waada'aa afo'oo fi daasee wol gayi'ii afoo yoo fiduu baate, yakki dhiigaa namicha san irra ta'a; waan dhiiga jisseef nama irraa fooyamee haa baduu. «Kanaaf ijoolleen Israa'elii hennaa ciincaa godhatan martinuu gara hulee daasee wol gayi'ii gadichatti fidanii ciincaa fayyinnaa Rabbiif ciinceessan. Gadichillee balbala daasee wol gayi'iititti hulee ciincaa Rabbii dhiyeessan sanitti dhiiga facaasa; coomallee akka Rabbii urgaayaa mishaa ta'u ciinceessa. Ciincaa ufii worra yaada seexanaa duukaa deemanii seebaranii akka hin dhiyeessine; kun isaanii fi ijoollee ijoollee isaaniitiif seera baraa haga bara baraa haa ta'uu. «Ati isaaniin galaa ijoollee Israa'elii keessa jiraatan maraa keessaa namni tokko yoo ciincaa ciincawu dhiyeessu yookaan ciincaa biraa Rabbii dhiyeessu'uuf gara daasee wol gayi'ii yoo fiduu baate namni sun banii keessaa fooyamee haa baduu. «Ijoollee Israa'elii keessaa yookaan worra isaanitti galee isaan keessa jiraatu, namni kamuu yoo dhiiga nyaate namni nyaatu sun jibbamaa ta'a; nama san banii keessaa fooyee balleessa. Lubbuun foonii dhiiga keessa waan jirtuuf dhiinni waan lubbu'uuf araara godhuuf; hulee ciinca'aa irratti ani akka araara isinii ta'uuf isinii kenneera. Kanaafuu ijoollee Israa'elii isin keessaa eennullee akka dhiiga hin nyaanne worra isinitti gale keessaallee eennullee akka dhiiga hin nyaanne isiniin jedhe. «Ijoollee Israa'eliitii fi galaan isaan jidduu jiraatan keessaa eennullee busaawaa foon isaa nyaattamuu fi simbira dhadhoolee yoo qabe dhiiga isaa jissee biyyee irra haa dhawuu. Dhiinni waan foon uffatee maruu tokko waan ta'eef kanaafuu ijoollee Israa'elii jireenni foon maraatuu dhiiga waan ta'eef dhiiga foon maraatuu hin nyaatinaa'a; ka nyaate maruu fooyamee haa baduu waan jedheeruuf. «Namni waan ufiin du'ee fi waan bineensi cabsee ajjeese nyaatu maruu nama biyyaa ta'ee'e yookaan galaallee yoo ta'e, uffata ufiitii fi nafa ufii bisaaniin haa miicatuu; inni haga galgalaa battaaya'a; achiin maayessa hin qulqullaaya. Yoo nafa ufiitii fi uffata ufii miicatuu baate ammo cubbuun isa irra ta'a.» Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; ‹Ani Rabbi Waaqa keessan; hujii duraan biyya Misirii keessatti huja'aa turtan san hin hujinaa'a; akka hujii biyya Kana'aanii ta ani itti isin galchu'uuf ta'uu sanillee hin hujinaa'a; akka seera isaanii badaa saniititti hin bulinaa'a. Seera kiyya eegaa'a; ajaja kiyya raawwadhaa'a; Ani Rabbii Waaqa keessan waan ta'eef. Worri seera kana raawwatan seera kanniiniin lubbu'uun waan jiraataniif, Ani Rabbiin waan ta'eef seera kiyyaa fi ajaja kiyya eegaa'a. «Isin keessaa eennullee fira ufii marattuu hin oolin; Ani Rabbii keessan waan ta'eef. Haatee bira geettee ulfinna abbeetii irraa hin mulqin. Haadha manaa abbeetii bira hin gayin; isiin waan foon abbeetii taateef. Haatee irraa uffata ol hin qabin; intalti haatetii ta abbee uumatee fi ta haatee gara biraatii deette birallee hin gayin; Mucattii ilmi kee uumate yookaan mucattii intalti ati uumatte deette bira hin gayin; isiin waan foon kee taateef. Mucattii masaanuun haateetii deette bira hin gayin; isiin waan obboleettii tee taateef. Obboleettii Abbeetii, yookaan obboleetti haateetii bira hin gayin; isiin waan adaadaa tee taateef. Haadha manaa abbeeraa keetii bira hin gayin; isiin waan haadhatti sii ooltuuf. Mucattii ilmi kee fuudhe bira hin gayin; isiin haadha manaa ilma keetii waan taateef. Haadha manaa obboleessa keetii bira hin gayin; isiin nafa obboleessa keetii waan taateef; mucattii haati manaa obboleessa keetii deette birallee hin gayin, firtoota tee waan ta'aniif; wonti akkanaa kun yakka seebaraa sitti ta'aa. Uduu haati manaa tee lubbu'uun jirtu obboleettii haadha manaa teetii bira hin gayin; hin fuudhinille'e; akka isiin masaanuu haadha manaa teetii hin taane. «Dubartiin takka uduu garaa dubarti'ii argiteertu, uduu isiin xuri'iin jirtu atillee akka hin xuroofne isii bira hin gayin. Akka hin battoofne haadha manaa goshoo keetii bira hin gayin. Ijoollee tee keessaa waaqa tolfamaa mooleek jedhamee waamamu kamiillee akka ciinca'aan ciinceeffamu dabarsitee hin kennin; waan maqaa Rabbii keetii arrabsisiisuuf; Ani Rabbii keeti. Akka dubartii woliin ciiftu sanitti dhiira woliin hin ciisin; kun Rabbiin biratti jibbamaa waan ta'eef. Akka battii sitti hin taane ganyaa hori'iititti hin oolin; dubartiinillee horii kormaa jala hin dhaabatin; kun waan Rabbiin biratti jibbamaa ta'eef. «Worri ani afoo keessanii ari'e ormi maruu waan kanniiniin waan battaayaniif; isinillee waan battii kanniiniin hin battaayinaa'a. Hujii isaaniitiin waan lafti battoofteertuuf orma hulee san jiran maraa shakkee lafa san abaare. Isin seera kiyyaa fi ajaja kiyya eegaa'a; isinii fi worri galaa ta'anii isin jidduu jiraatan maruu waan battii kanniin hin hojjatinaa'a. Namoonni biyya keessa jiraatan battummaa kanniin hojjatanii biyyi waan battoofteertuuf. Yoo batteessitan lafti akkuma worra armaan dura isiniin dura irra turan darbite isinillee uf irraa isin darbiti. Namni waan battii kanniin keessaa tokkollee hojjatu banii keessaa fooyamee waan baduuf. «Kanaafuu waan battii worri armaan duraa hojjatan maraa hin hojjatinaa'a; isaan waan battii saniin waan battaayaniiraniif; isinillee akka hin battoofne seera kiyya eegaa'a; Ani Rabbi Waaqa keessan.» Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Banii Israa'elii maraanuu, ‹Ani Rabbi Waandhi keessan woyyuu waan ta'eef isinillee woyyoota ta'aa'a. Isin maruu abba'aa fi haadha keessan kabajjaa'a; Sambata tiyya eegaa'a. «Ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef, gara waaqa tolfama'aa hin gorinaa'a, waaqa tolfamaa worra biraa ka harkaan baffamee tolfamuu, fakii waaqolee tolfama'aa keessan hin godhatinaa'a; Ani Rabbi Waaqa keessa waan ta'eef. Yoo ciincaa fayyinnaa Rabbiif dhiyeessitan akka isa itti gammachiiftanitti ciinceessa'aaf. Gaafa guyyaa ciincaa dhiyeessitanii fi haga bariisa'aa hin nyaattama; haga guyyaa sadeesso'oo yoo hafe, ibiddaan gubdan. Guyyaa sadeesso'ootitti yoo nyaattame batti'i, nattillee hin tolu. Namni waan kana nyaatellee waan Rabbiif woyyoome waan batteesseef cubbuun isa irra taati; namni sun banii keessaa fooyamee haa baduu. «Hennaa midhaan haamattan, midhaan daangaa irraa mara hin haaminaa'a; soqatoollee daangaa irraa hin guurinaa'a. Soqatoo woyinii keessaniillee hin guurinaa'a; sanyii woyinii keetii ka harca'ellee hin guurin; ka hiyyeeyyi'iitii fi ka worra isinitti galee waan ta'eef dhiisi; Ani Rabbi Waaqa keessan. «Hin hatinaa'a; hin sobinaa'a; wol hin gowwoomsinaa'a. Maqaa kiyyaan sobaan hin kakatinaa'a; maqaa Waaqa keessaniillee hin xureessinaa'a; Ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef. Goshoo kee irratti dhara hin hujin; hin saaminille'e, gatii nama hojjachiiftee haga boruu uf bira hin bulchin; adhuma kaffaliif. Nama gurraan hin dhageenne hin arrabsin; nama ballaa waan isa gufachiisu afoo hin kaayin; Waaqa kee sodaadhu; Ani Rabbi Waaqa kee waan ta'eef. «Ati hennaa murtii dhuga'aa kennitu amanama'aa fi nama qajeelaa ta'i; nama maraafuu qixatti murteessi malee hiyyeessa jettee isa gargaaru'uuf hin badadin; dureessallee inni dureessa jettee isaa hin dabsin; garuu goshoo keetiif murtii dhuga'aa murteessi. Banii jiddu'utti hin fakkeessin; waan nama ajjeesisiisu nama irratti hin godhin; Ani Rabbiin waan ta'eef. «Obboleessa kee hin jibbin; sababaa goshoo keetiitiif cubbuu akka sitti hin taane obboleessa kee gorsi. Haluu hin bayin; banii keetitti gadoo hin qabatin; ijoollee worra keetiititti gadoo hin qabatin; garuu goshoo kee akka uf jaalattutti jaaladhu; Ani Rabbiin waan ta'eef. «Seera kiyya eegaa'a; fiixaa horii tokkoo fiixaa horii biraatiin wolitti hin horsiisin; qonna qottu keessattillee sanyii gosa lamaa hin facaasin; uffata bifa lamaa irraa hojjatamellee hin uffatin. «Eennullee garbittii ufii woliin yoo ciise, yoo isiin abbaa worraa hin qabaannee fi ta gatiin isi'ii hin kaffalamne ta bilisa hin baane yoo taate haa adabamanii; isiin waan bilisa hin baaneef akka hin ajjeefamne. Namichi isii bira gaye sun kennaa ciincaa cubbu'uu qabatee Rabbiin afoo gara daasee wol gayi'ii dhufa; waan ciincaa cubbuu ufiitiif korbeessa hoola'aa haa fiduu. Gadichillee waan cubbuu isaatiif Rabbiin afo'otti hoolaa ciincaa araaraatiif hin dhiyeessa; cubbuun isaallee hin dhiifamaaf. «Hennaa gara biyyatti'ii galtanii muka daraaraan isaa nyaattamu mara dhaabattan sanyii san akka waan hin gadoomneetitti laalaa'a; woggaa sadihii akka waan hin gadoomnee waan isinii ta'eef hin nyaattan. Sanyiin woggaa arfeesso'oo maruu galata Rabbiitiif haa woyyoomuu. Akka sanyiin isinii baay'atu ka woggaa shaneesso'oo nyaadhaa'a. Ani Rabbi Waaqa keessan. «Dhiiga woliin womaa hin nyaatinaa'a; asmaallee hin hojjatinaa'a; worra moora laalullee hin ta'inaa'a. Jammura hin haadatinaa'a; areeda keessan gabaabsitanii hin haadatinaa'a. Waan nama du'eetiif boqoo uf hin butatinaa'a; Ani Rabbiin waan ta'eef. «Biyyi tee akka biyya seebartootaa hin taane ijoollee tee ta intalaa dabarsitee worra ormaa ka seebarutti hin kennin. Sambata kiyya eegaa'a; mana woyyuu kiyya kabajjaa'a; Ani Rabbiin waan ta'eef. «Gara mana worra hafuura hammeeyyii waamuutii fi mana mortu'uu hin dhaqin; akka isaaniin hin battoofne hin soqina'aanii; Ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef. Jaarsota umuri'iin nama guddaa ta'an yoo argite, hulee teettee ka'iitii isaan kabajji; Waaqa kee sodaadhu; Ani Rabbi Waaqa keetii. «Orma biyya tee keessa jiru maraa irratti dhara hin hujin. Isinillee biyya Misirii keessatti galaa waan turtaniif; galaa biyya teessan keessa jiru akka nama keessaniititti laalaa'a; isallee akkuma uf jaalattutti jaaladhu; Ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef. Safartu'uun, bikkitu'uu fi madaalaan hin dabsin. «Safartuu, bikkitu'uu fi madaala qajeelaa ta'e qabaadhaa'a; Ani Rabbi Waaqa keessan ka biyya Misiriitii isin baase. Seera kiyyaa fi ajaja kiyya maraa eega'aatii waan mishaa hojjadhaa'a; Ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef» jedheen. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Banii Israa'eliitiin akkana jedhi, ‹Banii Israa'elii keessaa eennullee waaqa tolfamaa Molook jedhamuu yoo ciincaa dhiyeesse sirima haa ajjeefamuu; namoonni biyya Israa'elii dhaga'aan isa haa dhayanii. Eennullee ijoollee ufii keessaa tokko waaqa tolfamaa Molook jedhamuu kennee mana woyyuu kiyya yoo batteesse, maqaa kiyya yoo salphise, Ani nama san hin adaba; banii kiyya keessatti isa hin laakkayu. Namni sun fiixaa ufii waaqa tolfamaa Molook jedhamuu yoo kenne, baniin biyyaa isa argee nama san yoo lash itti jedhee ajjeesuu baate, Ani isaa fi banii mana isaanii irratti balaa fida; isaa fi worra waaqa tolfamaa sanii sagadu'uuf duukaa deeman maraa banii keessaa fooyee balleessa. «Worra hafuura ekera'aa waaman, worra moru duukaa deemanii fi worra hujii ufiitii sagadan, nama san ani hin balleessa; banii keessaa isa baasee adaba. Kanaafuu ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef qaama keessan woyyoomsa'aatii woyyoota ta'aa'a. Seera kiyya eegaa'a; raawwadhalle'e; Ani Rabbi Waaqa isin woyyoomsu» jedheen. Eennullee ka abbaa ufiitii fi haadha ufii arrabsu sirima haa ajjeefamuu; Abba'aa fi haadha ufii waan arrabseef inni nama dhiigaati. Eennullee haadha manaa ta nama biraa yookaan haadha manaa ta goshoo ufii woliin yoo seebare ta seebartee fi ka seebare sirima haa ajjeefamanii. Eennullee haadha manaa abbaa ufii woliin yoo ciise waan nafa abbaa ufii fafeesseef lamaanuu haa ajjeefamanii; ka gumaa isaanii gaafatu hin jiru. Eennullee yoo intala ilma ufii woliin ciise, waan waan battii hojjataniif lamaanuu sirima haa ajjeefamanii; gumaa isaanii namni gaafatu hin jiru. Namni tokko akka intala fuudhutti yoo dhiira fuudhe, isaan lamaanuu waan waan battii hujaniif sirima haa ajjeefamanii; gumaa isaaniillee namni gaafatu hin jiru. Eennullee haadhaa fi intala yoo fuudhe batti'i; akka cubbuu isinitti hin taane sadiinuu ibiddaan haa gubamanii. Eennullee akka dubartii woliin ciisutti horii bira yoo gaye, sirima haa ajjeefamuu; horiin sunillee haa ajjeefamuu; gumaa isaanii namni gaafatu hin jiru. Dubartiin takka akka dhiira woliin ciiftutti yoo horii kormaatitti dhaxxe dubartiin sunii fi horiin sunillee haa ajjeefamanii; namni gumaa isaaniitiif gaafatu hin jiru. Namni tokko obboleettii ufii ta abbaan isaa uumate, yookaan ta haati isaa deette yoo fuudhee, isaan lamaanuu waan shinga'aa waan hojjataniif banii ufii afo'otti haa ajjeefamanii; waan inni obboleetti ufii fafeesseef cubbuunillee tama isaaniiti. Eennullee dubartii garaa argitetti yoo dhaqe, waan jiidha garaa isi'ii san irraa mulqeef, isaan lamaanuu banii keessaa bayanii haa badanii. Obboleetti abbaa keetii yookaan obboleettii haadha teetiititti hin dhaqin; namni waan kana godhe, nafa fira ufii waan fafeesseef cubbuun isa irra taati. Namni yoo haadha manaa abbeeraa ufiititti dhaqe waan abbeeraa ufii fafeesseef cubbuun isaanuma irra ta'a; isaan uduu hin uumanne du'an. Namni yoo haadha manaa ta obboleessa ufii fuudhe, inni nafa obboleessa ufii waan fafeesseef, finna malee hafan. «Kanaafuu biyyi itti galu'uuf taatan akka isin hin dinne, seeraa fi ajaja kiyya maraa eega'aa raawwadhaa'a; Seera banii ani isin afo'oo balleessuutitti hin bulinaa'a; waan waan kanniin maraa godhaniif ani isaan jibbeera. Isin garuu biyya isaanii dhaaltan; akka dhaaltaniifillee biyya aannanii fi damma baaftu isinii kenna waan jedheeruuf; ani Rabbi Waaqa keessan ka banii ormaa keessaa fooyee isin baase. Kanaafuu horii qulqulluu battii irraa, simbira qulqulluu simbira battii irraa fooyaa'a; hori'ii fi simbira ani batti'i jedhee addaan fooye, waan lafa irra sosocho'u maraan uf hin batteessinaa'a. Ani Rabbi woyyuu waan ta'eef isinillee akka kiyya taatan banii ormaa keessaa waan isin fooyeeruuf isinillee woyyoota naa ta'aa'a. «Dhiirti yookaan intalti yoo ekeraa dubbifte yookaan yoo mortuu ta'an, dhaga'aan dhayamanii haa ajjeefamanii; gumaa isaaniitiifillee namni gaafatamu hin jiru.» Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Aaroonii gadootatti akkana jedhii himi, gadichi tokko hennaa firri isaa du'e, haadha, Abbaa'a, obboleessa akkasuma obboleettii isaa ta hin heerumne, ta mana isaanii keessatti dhalatte reeffa isaanii yoo ta'e malee reeffa nama biraa tuqu'uun uf hin batteessin; yookaan ta fira dhiyo'oo ta heerumtee hin jirre ta isa bira jirtu tuquu hin danda'a; bulchaan bani'ii uf dhiphisu'uun uf hin batteessin. «Gadoonni akka mataa hin haadanne, areeda ufiillee akka hin haadanne, nafa ufiillee hin butatin. Waaqa isaaniitiif woyyoota haa ta'anii; maqaa Waaqa ufii akka hin xureessine; buddeenaa fi kennaa ciincaa ibiddaan dhiyaatuu waan Rabbii Waaqa isaaniitii dhiyeessaniif woyyoota haa ta'anii. Waan nama Goofta'aaf woyyoome ta'eef, gursummeettii akka hin fuune yookaan ta abbaa worraa hiitte hin fuudhin. Waan buddeena Waaqaa dhiyeessuuf hin woyyoomsitaan; anillee Waandhi kee waan woyyuu ta'eef inni woyyuu sii haa ta'uu. Intalti yookaan mucattiin gadichaa yoo seebaru'uun uf xureessite, waan abbaa ufiillee xureessituuf, ibiddaan gubattee haa duutuu. «Gadichi obboleewwan ufii keessaa hangafa ta'e, ka mataa isaa irratti dhadhaa ejersaa buufate, uffata uf irraa akka hin mulqine, uffata ufiillee akka hin biinxine. Gara mana reeffi jiruu hin seenin; yoo haadhaa fi abbaallee ta'e seenee akka uf hin batteessine. Waan gadummaan kiyya ka Waaqa isaa woyyuun isa irra jiruuf; mana woyyuu keessaa akka hin baane, hulee woyyuu Waaqa ufiillee hin xureessin; ani Rabbiin waan ta'eef. Inni durba haa fuudhuu. Ta abbaa worraa jalaa baate, ta abbaan manaa irraa du'e, yookaan ta adaba hin qabne hin fuudhin; durba haa fuudhuu. Ani Waaqa woyyoomsu waan ta'eef, sanyii isaa keessaa banii wodhakka'atti fiixaa ufii hin batteessin. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ati Aarooniin ‹fiixaa kee keessaa namni mudaa qabu maruu buddeena Waaqa ufiitii kennu'uuf akka hin dhiyaanne. Ballaan, hokkolaan, nama funyaan baxxe'ee, nama qaama irratti qaama eda'ame qabu, Nama luka cabe, ka harka cabe, Nama dudda goorro'oo, farra, nama ija mooca'aa, cittaayaa'a, baccarroo, ka uumamaan qaama uumatuun hin qabnee fi namni shingaaye maruu hin dhiyaatin. Fiixaa gadicha Aaroonii keessaa namni mudaa qabu ciincaa gubamu Waaqaaf akka hin dhiyeessine waan mudaa qabuuf buddeena Waaqa ufiitii dhiyeessu'uuf akka hin dhiyaanne. Buddeena Waaqa woyyu'uutii fi ka woyyuu woyyootaa haa nyaatuu; garuu waan mudaa qabuuf akka mana woyyuu kiyya hin xureessine gara woyyittii woyyootaa akka hin seenne, gara hulee ciincaa itti dhiyeessaniillee akka hin dhiyaanne; ani Waaqa isaan woyyoomsu waan ta'eef› jedhii himi» jedheen. Muuseen waan kana maraa Aarooniin, ijoollee Aarooniitii fi ijoollee Israa'elii marattuu hime. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Israa'eliitiin maqaa kiyya akka hin xureessine kennaa naa kennan maraa kabajja'aan fuudhanii woyyumma'aan akka eegan Aaroonii fi ijoollee Aarooniititti himi; Ani Rabbiin waan ta'eef. Eennullee sanyii keessanii fi fiixaa keessan keessaa uduu hin xuraayin, seeraan uduu hin qulqullaayin gara hulee ijoolleen Israa'elii itti woyyoomtuu gara hulee woyyitti'ii yoo dhiyaate, namni sun na afo'oo haa baduu; Ani Rabbiin waan ta'eef. «Fiixaa Aaroonii keessaa namni dhibee gogaa kukkutu yookaan wonti akka bisaanii ka nafa isaa keessaa bawu qabu maruu haga qulqullaawutti waan Waaqaa woyyoome hin nyaatin; sababaa waan ufiin du'aa tuqee battaayeef, yookaan ka bisaan hormaata qaama isaa keessaa jigu tuqe; yookaan waan lafa irra deemaa ka nama batteessu tuqe, ka nama battaaye tuqee fi namni waan kanniin maraa tuqe battaaya'a; nafa ufii uduu hin dhiqanne waan woyyoome akka hin nyaanne. Inni hennaa aduun dhiite waan qulqulluu ta'uuf dhiyana gayee isaa ka woyyoome haa nyaatuu. Ani Rabbiin waan ta'eef waan ufiin du'e, busaawaa bineensi ajjeese hin nyaatin; yoo nyaate ammo hin battaaya. «Gadoonni martinuu seeraa fi qajeelcha ani isaanii kenne maraa haa eeganii; yoo kana godhuu baatan garuu waan qajeelcha kiyya woyyu'uuf ajajamuu didaniif cubbuu isaanitti ta'ee du'an ka isaan woyyoomsu ana Rabbi. «Namni kennaa woyyoome nyaachuu danda'u, nama maatii gadichaa ta'e calla'a; namni biraa ammo isa irraa hin nyaatin, keessummaan gadichaa, ka qacaramellee nyaata woyyuu irraa hin nyaatin. Garbichi gadichi horii ufiitiin bitate haa nyaatuu; ijoolleen isaa dhalatte dhiyana san haa nyaatanii. Mucattiin gadichaa nama biraatitti yoo heerumte, isiin midhaan woyyoome san hin nyaatin. Mucattiin gadichaa yoo abbaan worraa isi'ii du'e yookaan yoo isa jalaa baate, uduu finna hin arganne yoo gara mana abba'aa deebite, dhiyana abbaa ufii san haa nyaattuu; namni biraa ammo akka isa irraa hin nyaanne. «Namni kamuu uduu hin beekin dhiyana woyyoome yoo nyaate, dhiyana woyyuu dachaa shanii eda'ee gadichaa haa kennuu. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Aaroon, ijoollee Aarooniitii fi ijoollee Israa'elii maraanuu mana Israa'elii maraa keessaa namni galaa ta'ee isin keessa jiraatu maruu, namni fedha ufiitiin silatii Waaqaa kennu maruu kennaa ciinca'aa ka Rabbii ciincawu yoo dhiyeessu, akka isaanii qajeelu korma, korbeessa hoola'aa yookaan korbeessa re'e'ee ka mudaa hin qabne Rabbii dhiyeessa. Garuu waan mudaa qabu hin dhiyeessinaa'a; waan isinii hin qajeelleef. Namni kamuu silatii ufii raawwachu'uuf yookaan fedha ufiitiin kennaa fayyumma'aa ciincaa dhiyeessu'uuf sangaa yookaan hoolaa yoo Waaqaa dhiyeesse akka isaa qajeeluuf ka mudaa hin qabne haa ta'uu. Horii ballaa, yookaan ka cabe, duundumaa yookaan horii madaan isaa mala'u, yookaan ka nafti isaa ciccite yookaan ka torbobbaaye kanniin maraa akka Rabbii hin dhiyeessine; kanniin maraa kennaa silatiitiif kennaa ciinca'aa irratti Rabbii hin dhiyeessinaa'a. Sangaan yookaan hoolaan nafa isaanii irratti wonti woyii eda'ame yookaan dhidhate fedha keetiin ciincaa dhiyeessuu hin dandeetta; garuu silati'iif hin ta'u. Horii kolaafame, yookaan ka tumame, yookaan horii cabe, yookaan horii nafa isaa irraa hanqinna qabu Rabbii hin dhiyeessinaa'a; biyya keessanitti horii akkanaa kanniin hin ciinceessinaa'a. «Horii akkanaa kanniin galaa keessan irraallee fuutanii kennaa Rabbii hin dhiyeessinaa'a; horiin akkanaa kunniin muda'aa fi battummaa waan qabaniif isinii hin fudhatamu. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Waatiin, yookaan hoolaan, yookaan re'een yoo dhalate guyyaa torbaa haadha woliin haa jiraatuu; guyyaa saddeetiif achii olitti ciincaa Rabbiif ibiddaan ciincawu ta'a. «Sa'a waatii woliin, hoolaa ilmoo woliin guyyaa tokko hin goorra'inaa'a; ciincaa galataa yoo Rabbii dhiyeessitan akka isinii fudhatamutti ciincessaa'a. Guyyama san nyaattama; dhiyana san haga boruutitti hin dhiisinaa'a; Ani Rabbiin waan ta'eef. Rabbi akkana jedhe, «Ajaja kiyya eega'aa raawwadhaa'a; Ani Rabbiin waan ta'eef; Maqaa kiyya woyyuu hin xureessinaa'a; ani ijoollee Israa'elii jiddu'utti hin woyyooma. Ani Waaqa isinii ta'u'uuf ka biyya Misirii keessaa isin baase ana Rabbi.» Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Banii Israa'eliititti akkana jedhii himi; ayyaana kiyya ka wol gayii woyyootaati jettanii labsitan kanniin; guyyaa jahaa hujii hojjadhaa'a; guyyaan torbeesso'oo garuu Sambata hara itti baafattan; guyyaa wol geettii woyyootaa ta'a; guyyaa kanatti hujii kamiinuu hin hojjatinaa'a; hulee jiraattan marattuu guyyaan Sambataa guyyaa Rabbiif woyyoome. Ayyaanni Rabbii kunniin wol gayii woyyootaa ka bara baraan labsitan. «Ji'a duraa guyyaa kudha arfeesso'ootitti yoo galgalaaye ayyaana faasika'aa ka Rabbi itti kabajjamu. Ji'uma kana guyyaa kudha shaneesso'ootitti ayyaana xorosho'oo kabajji; guyyaa torbaa xoroshoo nyaadhaa'a. Guyyaa duraa wol gayii woyyuu isinii haa ta'uu; hujii kamiinuu hin hojjatinaa'a. Guyyaa torbaa ciincaa gubamu Rabbii dhiyeessaa'a; guyyaan torbeesso'oo wol gayii woyyootaati; guyyaa kanatti hujii kamiinuu hin hojjatinaa'a» jedheen. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; hennaa gara lafa ani isinii kennuu galtan, hennaa midhaan keessan haamattan, qixiraa midhaan keessanii ka duraa gara gadichaa fidaa'a. Innillee qixiraa san akka Rabbi isin irraa jaalatu Rabbiin afo'otti haa sosochoosuu; bariisaallee Sambataan maayessa gadichi haa sosochoosuu. Guyyaa qixiraa san itti sosochooftan korbeessa woggaa tokkoo ka mudaa hin qabne ciincaa gubamu Rabbii dhiyeessaa'a. Kennaa midhaanii kudhan keessaa harka lamaa daakuu dhadhaa ejersaatiin sukkuumame kennaa urgaayaa Rabbiif ibiddaan ciincawu haa ta'uu; kennaan waan dhuganiillee daadhii woyini'ii iifii tokko dhiyeessitan. Buddeena, hamaamoo woddame, hamaamoo mishaa, mocee haga kennaa Rabbii keessanii dhiyeessitanitti hin tuqinaa'a; seerri kun biyya keessa jiraattan marattuu seera bara baraa ka ijoollee ijoollee keessanii haa ta'uu. «Qixiraa kennaa socho'u gootee haga Rabbii dhiyeessite, bariisaa Sambataatii jalqaba'aatii torbaan torbaa laakkayaa'a. Haga bariisaa Sambata torbeesso'oo guyyaa shantamaa laakkayaa'a; Kennaa midhaanii haarawa Rabbii dhiyeessaa'a. Maatiin keessan maruu kennaa midhaanii harka lamaa olii ka sosocho'u kennaa Rabbii haa dhiyeessuu; kennaan midhaanii martinuu ka raacitii qabu daakuu bullaayaa iifii lamaa ka bilchaate woliin Rabbiif kennaa duraa ta'ee haa dhiyaatuu. Buddeena san woliin korbeeyyii torbaa ka woggaa tokkoo ka mudaa hin qabne, jibicha tokkoo fi korbeeyyii hoola'aa lama ciincaa Rabbii gubamu gootanii kennaa midhaanii, kennaa waan dhuganii woliin, kennaa urgaayaa ibidda irratti Rabbii ciincawu gootanii dhiyeessitan. Korbeessa re'e'ee tokko ciincaa cubbu'uutiif korbeeyyii woggaa tokkoo lama ciincaa fayyumma'aatiif Rabbii dhiyeessaa'a. Gadichi buddeena duraa korbeeyyii lamaa woliin Rabbiin afo'otti sosochoosa; kunillee dhiyana gayee gadichaa ta'a. Guyyaa san akka wol gayii woyyootaa isinii ta'u labsitan; guyyaa san hujii manaa maraa hin hojjatinaa'a; seerri kun biyya keessa jiraattan marattuu seera bara baraa ijoollee ijoollee teessaniitiif haa ta'uu. «Hennaa midhaan keessan haamattan daangaa qonna keessanii irraa midhaan fixxanii hin haaminaa'a; soqatoollee hin guuratinaa'a; hiyyeeyyi'ii fi worra isinitti galeef dhiisaa'a; ani Rabbi Waaqa keessan. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Banii Israa'eliititti akkana jedhii himi; ji'a torbeesso'oo guyyaa duraa guyyaa addaa ka ayyaana hara baafanna'aa kabajjitan; hennaa laagaa xurumba'aa dhageettan Rabbiin waaqeffachu'uuf wol gayaa'a. Guyyaa san hujii maraa hin hojjatinaa'a; ciincaa ciincawu Rabbii dhiyeessaa'a» jedheen. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ji'a torbeesso'oo guyyaan kudhaneesso'oo guyyaa araaraa wol gayii woyyuu isinii haa ta'uu; guyyaa san homaa hin nyaatinaa'a; kennaa midhaanii ka ibiddaan ciincawu Rabbii dhiyeessaa'a. Rabbii Waaqa keessan afo'otti akka guyyaa araaraa isinii ta'u guyyaa san hujii maraa hin hujinaa'a. Guyyaa san namni soomee hin saganne maruu banii wodhakka'aa fooyamee haa baduu. Nama guyyaa san waa hojjatu maraa banii keessaa baasee balleessa. Kanaafuu guyyaa sanitti womaa hin hujinaa'a; kun biyya keessa jiraattanii fi bara jireenna keessanii maraa ijoollee ijoollee teessanii maraaf seera bara baraati. Jiini seenee guyyaa salgeesso'oo aduun dhiitee haga guyyaa kudhaneesso'oo haga aduun dhiitutti uduu homaa hin nyaanne guyyaan kun guyyaa addaa guyyaa Sambataa ka hara baafataa isinii haa ta'uu. » jedheen. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; ji'a torbeesso'oo hennaa akkanaa ji'a keessa guyyaa kudha shaneesso'ootii jalqabee haga guyyaa torbaa Rabbiif ayyaana daasee keessatti ayyaanteeffattan ta'a. Guyyoota kanniin keessatti Rabbiin waaqeffachu'uuf wol gayaa malee hujii kamiinuu hin hojjatinaa'a. Guyyaa torbaa maraa kennaa Rabbiif ciincawu dhiyeessitan. Guyyaan saddeetesso'oo guyyaa Rabbiin itti waaqeffattan isinii haa ta'uu; guyyaan kun guyyaa addaa ka Rabbiin itti waaqeffatan; kanaafuu hujii kamiinuu hin hojjatinaa'a. «Hennaa waaqeffannaa keessan raawwachu'uuf wol geettan ciincaan Rabbiin ittiin kabajju'uuf dhiyeessitan ka nyaataa ciincaa gubamu, kennaa midhaanii ka biraallee kennaa daadhi'ii akka barbaachisutti kennaan guyya guyya'aan ayyaanaaf dhiyeessitan kanniin fa'a. Kunniin kennaa guyyaa Sambataatiin ala ka fedha keessaniin dhiyeessitan maraa irraa adda. «Ji'a torbeesso'oo guyyaa kudha shaneesso'ootitti haga sanyii lafaa wolitti qabattaniin maayessa, haga guyyaa torbaatiif Rabbiin waaqeffattan; guyyaan duraa hara baafannaa isinii haa ta'uu; guyyaan saddeetesso'oollee guyyaa hara baafanna'aa isinii haa ta'uu. Guyyaa duraa muka biyya keessan keessa jiru keessaa daraaraa hagoo'o; baala meexxi'iitii fi haafa muka lalisee qabattanii Rabbii Waaqa keessan afo'otti gammada'aa haga guyyaa torbaa ayyaana godhattan. Ayyaana kana haga woggaa torbaa Rabbiin afo'otti godhaa'a; kun seera ijoollee teessanii ka baraa haga bara baraa haa ta'uu; kana hennaa maraa ji'a torbeesso'ootitti hin ayyaanteeffattan. Muuseen waan ayyaana Rabbii kana ijoollee Israa'eliititti hime. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoolleen Israa'elii akka hennaa maraa ibsaa ibsituuf dhadhaa ejersaa ka ibsa'aaf ta'u ka akka misha'atti tumamee cuunfame akka sii fidan ajaji. Aaroon galgala maraa ibsaa san hin qabsiisa; inni saanduuqa waada'aa afo'otti hulee woyyittii woyyootaa daasee keessatti golgaan ala afoo Rabbiititti haga bariituuf ifa'aa bula; kun baraa haga bara baraa ijoollee ijoollee teessaniitii seera haa ta'uu. Aaroon ibsaa sanniin baattuu worqi'ii mishaa irratti hennaa maraa haa qopheessuu; ibsaan kun hennaa maraa Rabbiin afo'otti ifuu isaanii haa tooyatuu. «Daakuu mishaa bullaaye iifii kudha lamaa fuudhiitii xoroshoo lamaa godhi. Xoroshoo kanniin gabataa worqii mishaa irraa hojjatame irra jaha gama tokkoon, jaha gama biraatiin tarree lamaan kaayi. Kun kennaa ibiddaan Rabbii ciincaye ta'uu isaa beessisu'uuf hixaana qulqulluu tarree lamaanuu irra kaayi. Kana hennaa maraa Rabbiin afo'otti guyyaa Sambataa maraa tartiibaan haa godhuu; kun ijoollee Israa'elii biratti waadaa baraa haga bara baraa haa ta'uu. Aaroonii fi ijoollee isaatiillee akkasuma haa ta'uu; ciincaan ibiddaan ciincayee Rabbiif kennamu seera bara baraa ka woyyittii woyyootaa waan ta'eef, hulee woyyu'utti haa nyaatanii» jedheen. Namni tokko ka haadhaan nama Israa'elii ta'e; ka abbaan isaa ammo nama biyya Misirii ta'e tokko ijoollee Israa'elii jidduu bayee nama Israa'elii tokko woliin wol lole; Mucaan haadhaan nama Israa'elii maqaa Rabbii waan arrabseef gara Muuse'ee fidaniin; maqaan haadha isaa Saloomiitii mucattii Diibirii nama gosa Daanii turte; Haga Rabbi adabbii attamii akka isaa kennan isaanitti himuuf tooyannaa jala oolchan. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Namicha maqaa Rabbii arrabsu san ganda keessaa baasaa'a; namoonni hennaa inni Rabbiin arrabsu dhagayan maruu namni sun nama yakka hojjate ta'uu isaa ragu'uuf harka ufii mataa isaa irra haa kaayanii; achiin maayessa baniin Israa'elii maruu dhaga'aan dhayanii isa haa ajjeesanii; Ijoollee Israa'eliititti akkana jettee himta; eennullee yoo Waaqa ufii arrabse adabbii argata. Namni maqaa Rabbii arrabsu sirima haa ajjeefamuu; baniin maruu dhaga'aan tumee isa haa ajjeesuu; galaan nama biyyaa yoo maqaa Rabbii arrabsellee haa ajjeeffamuu. «Eennullee ka nama ajjeesu du'aan haa adabamuu. Namni horii akka du'utti dhayee ajjeese maruu bikka ka ajjeesee san horii jiraa biraa haa kaffaluu. «Namni goshoo ufii yoo miidhe, akkuma inni isa miidhe san isallee haa miidhanii. Ka cabse cabsuu; ka ija balleesse ija isaa balleessuu; ka ilkaan cabse ilkaan isaa cabsuu; ka nama miidhe miidhaa'a. Ka horii ajjeese, horii haa kaffaluu; ka nama ajjeese haa ajjeefamuu. Ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef seerri gala'aatii fi keessanillee bifuma tokko haa ta'uu» Muuseen haga waan kana maraa dubbatee raawwate namicha Rabbiin arrabse san lafa itti quphatan sanii baasanii dhaga'aan dhayanii ajjeesan; akkaataa kanaan baniin Israa'elii akkuma Rabbi Muusee ajaje godhan. Rabbi gaara Siina'aa irratti Muusee akkana jedhee itti dubbate; «Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; hennaa gara biyya ani isinii kennuu galtan; woggaa torbeesso'otti lafa uduu hin qotin lafa bulchu'uun Rabbiin kabajjitan. Woggaa jahaa midhaan facaafadhaa'a; muka woyini'iillee muradhaa'a; sanyii isi'iillee galfadhaa'a. Woggaa torbeesso'oo ammo lafa lafa bulchu'uun Rabbiin kabajjitan; bara san qonna hin qotin. Midhaan ufiin bayellee hin galfatin; gaalee woyini'ii ka luxuun irraa hin muramne wolitti hin qabin; hennaan sun hennaa woggaa Sambata hara baafannaa lafaati. Sambanni lafaa siif, garbicha kee ka dhiiraa, garbittii tee ta intalaa nama minda'aan hojjachiiftu, galaa sitti galee jiraatuu nyaata haa ta'uu. Hori'ii fi bineensa biyya kee keessa jiru maraaf nyaata haa ta'uu. Woggaa torbaa hennaa torbaa ka Sambataa laakkayi wolitti qaba'atti afurtamii sagal ta'a. Achiin maayessa woggaa torbeesso'oo ji'a kudhaneesso'ootitti xurumba'aan labsita; guyyaa araaraa san biyya keessan maraa irratti xurumba'aan labsitan. Akka kanaan guyyaa shantameesso'oo adda baaftanii worra biyya teessan keessa jiraatan maraa wolabummaa isaanii labsitan; lafti achiin dura gurgurame maruu abba'aa yookaan fiixaa abba'aa maraaf hin deebi'a; namni garboomee gurgurame gara worra ufii deebi'a. Woggaa waan kana gootanitti qonna hin qotattan, midhaan ufiin baya'aa fi sanyii woyini'ii ka luxuun isaa hin muramnellee hin guurattan. Iyyoobeeliyuu yookaan guyyaa wolaboomaa waan ta'eef guyyaa woyyuu isinii haa ta'uu; waan akkanumaan marge nyaadhaa'a. «Woggaa Iyyoobeeliyu'uu ka shantameesso'oo kanatti namni maruu gara biyya ristii ufii deebi'a; goshoo keetitti yoo waa gurgurte yookaan yoo waa irraa bitte, goshoo kee hin sobin; Iyyoobeeliyu'uun maayessa akkuma laakkobsa wogga'aatitti goshoo kee irraa bitta; innillee akkuma laakkobsa woggaa midhaan galuutiin sitti gurgura. Akkuma baay'inna wogga'aatiin gatii isaa baay'eessita; akkuma woggaan dhidhateen gatii isaa dhidhifta; akkuma laakkobsa midhaan galuutiin sitti gurgura; Ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef eennullee goshoo ufii akka hin sobne Waaqa kee sodaadhu. «Seera kiyya raawwadhaa'a; ajaja kiyyallee eegaa'a; raawwadhaa'a; biyyattii keessa nagayaan jiraattan. Laftillee daraaraa isinii kenniti; isinillee haga quuftanitti nyaattan; isii keessa nagayaan jiraattan. Isin yoo midhaan facaafnee haamne wolitti hin qabanne woggaa torbeesso'ootitti maal nyaanna? jettan. Ani woggaa jaheesso'ootitti eebba kiyya isinii kenna; laftillee waan woggaa sadihiif ta'u isinii kenniti. Woggaa saddeetesso'ootti hin facaaftan, haga woggaa salgeesso'ootitti uduu midhaan moofaa nyaattan midhaan kaan galfattan. «Lafti waan tiyya taateef isin lafa san hin gurgurinaa'a; lafti tiyya malee teessan waan hin taaneef; isin akka nama namatti galee jiraatuu taatanii akka irra teettaniif isinii kenneera. «Namni yoo lafa gurguratu abbaan lafa sanii ka duraa deebi'ee furachuu akka danda'u isin biratti haa beekkamuu. Obboleessi kee hiyyoomee yoo lafa gurgurate, firri isatti dhiyaatu dhufee lafa inni gurgure san furata. Yoo fira dhiyo'oo ka lafa san furachu'uuf hin qabaanne ammo bara qabeenna argate inninuu deebifachuu hin danda'a. Yoo waan gayaa lafa furatuun argate laakkobsa bara bitatee laakkayee abbaa sanii haa deebisuu; innillee gara lafa ufii haa deebi'uu. Lafa san furachu'uuf yoo horii hin qabaanne lafti sun namuma bitate san harka haga woggaa Iyyoobeeliyu'uu haa taa'uu; woggaa Iyyoobeeliyu'uu lafa san gad haa dhiisuu; innillee gara lafa ufii haa deebi'uu. «Namni yoo qachaa kalamte keessatti mana gurgurate woggaa tokko keessatti deebi'ee furachuu hin danda'a; woggaa tokko keessatti furachuu hin danda'a. Woggaa tokko keessatti yoo furachuu baate qachaa dallawa qabdu keessatti manni sun nama bitate sanii mana bara baraa ka ijoollee ijoollee isaa ta'aaf; woggaa Iyyoobeeliyu'uu keessaa hin bawu. Manniin ganda dallawa hin qabne keessa jiraatan garuu akka maasa'aatitti laallaman hin furatanille'e; woggaa Iyyoobeeliyu'uutittillee gad dhiifaman. Worri Leewwotaa ka qachaa san keessa jiran mana san furachuu hin danda'an. Eennullee worra Leewwi'ii irraa bitee jidduu ijoollee Israa'eliititti manniin qachaa sanii ka leewwotaa ristii ijoollee Israa'elii waan ta'eef manni isaanii ka gurgurame woggaa Iyyoobeeliyu'uu hin deebi'aaf. Huleen horii itti bobbaasan ta qachaa sanii ristii isaanii ta bara baraa waan taateef hin gurguramtu. «Obboleessi kee hiyyoomee yoo dadhabe jabeessiin; akka keessumma'aatii fi akka nama namatti galee jiraatuu si woliin haa jiraatuu. Obboleessa kee ka si woliin jiraatu irraa dhala hin fudhatin; Rabbii kee sodaadhu. Horii kee dhalaan hin liqeessin; waan horiin nyaatu bu'a'aan namaa hin kennin. Ani Rabbi Waaqa keessan ka biyya Kana'aanii isinii kennu'uuf, Rabbiin isinii ta'u'uuf biyya Misiriitii isin baase. «Worra Israa'elii keessaa namni tokko hiyyoomee yoo si faanchachu'uuf gale akka garbichaatitti isa hin horatin. Akka nama horii argachu'uuf sitti galeetii fi akka nama namatti galee si woliin jiraatee haga woggaa Iyyoobeeliyu'uu sii haa hojjatuu; achiin maayessa ijoollee ufii woliin si biraa bayee gara worra ufiitii fi gara ristii abbaa ufii haa deebi'uu; garboota tiyya ta ani biyya Misiriitii isaan baase waan ta'aniif isaan akka garbootaatitti akka hin gurguramne. Hunnaan isaan hin horatin; Rabbii kee sodaadhu. Garbicha dhiiraatii fi garbittii intalaa bitatuu yoo barbaadde orma naannoo keessan jiran keessaa garboota dhiiraatii fi garboota intalaa bitadhaa'a. Akkasuma garboota akka nama namatti galee jiraatuutitti isinitti galanii horan fiixaa isaanii keessaa garboota bitaa'a; isaan qabeenna keessan isinii haa ta'anii. Isiniin maayessallee ijoolleen teessan isaan haa dhaalanii; isaan keessaa bara baraan garboota bitattan; ijoollee Israa'elii obboleewwan keessan garuu hunnaan hin horatinaa'a. «Namni sitti gale keessummaan tokko yoo dureessa ta'e, obboleessi kee yoo isa biratti hiyyoome ka hiyyoome sun ka galee jiraatu saniif keessummaa sanitti yookaan fira ufiititti yoo fiixaa ufii gurgurate, haga fiixaan sun gurgurameen maayessa furachuu hin danda'a; obboleewwan isaa keessaa tokko, Yookaan eessumni isaa yookaan ilmi obboleessa isaa gosa isaa keessaa, aanaan isaa yookaan inninuu yoo waa qabaate haa furatuu. Nama irraa bite san woggaa irraa bite san irraa jalqabee haga woggaa Iyyoobeeliyu'uu haa laakkawuu; horiin inni bitateenillee akkuma laakkobsa wogga'aatiin haa ta'uu; haguma namichi isa biratti qaxarame hojjate gatiin isaa laakkayamaaf. Woggoota uf afoo hafanittillee horii murtaaye ka hafe haa deebisuu. Haga woggaa Iyyoobeeliyu'uu woggoonni hagoon yoo hafan isa irratti laakkayama; haguma laakkobsa wogga'aatiin waan gatii lafaan furu haa deebisuu. Woggama wogga'aan akka nama waa hojjatuutitti isa woliin haa jiraatuu; hunnaan isa hin horatin. Woggaa kanniin maraa keessatti garuu yoo lafa hin furanne woggaa Iyyoobeeliyu'uutitti ijoollee ufii woliin haa bawuu. Ijoolleen Israa'elii garboota tiyya ta ani biyya Misiriitii isaan baase; ani Rabbi Waaqa keessan.» Ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef waaqa tolfamaa ufiif hin hojjatinaa'a; fakii bocame yookaan soodduu hin dhaabinaa'a; biyya keessan keessa dhagaan bocamee itti sagadan hin jiraatin; Sambata kiyya eegaa'a; hulee woyyittii tiyya kabajjaa'a; ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef. «Yoo seera kiyyaan jiraattan ajaja kiyyallee eeddanii yoo raawwattan, rooba henna'aan isinii roobsa; laftillee midhaan isinii baafti; munnillee daraaraa isinii daraara. Sababaa midhaan keessan guddatee baay'ateef, uduu midhaan haamattanii hin findhe hurbuun haamattan ka lammeesso'oollee gaya; uduu hurbuu woyini'ii san murtanii hin findhe hennaan midhaan facaaftan gaya; nyaata keessaniif waan isin barbaachisu maraa argattan; lafa teessan irrallee nagayaan jiraattan. «Biyya teessanii nagaya kenna; eennullee isin hin sodaachisu; nagayaan raftan; bineensota babbadaallee biyya keessanii balleessa; ammaa achi lolli biyya keessan hin jiraatu. Diintota keessanillee hin ariitan; isaanillee isin jalatti kufan. Isin keessaa namni keessan shan diina dhibba ari'a; namni keessan dhibbi ammo diina kuma kudhan ari'a; diintonni keessanillee isin jalatti kufan. Fuulli kiyyallee gara keessan deebi'a; akka hortanii baay'attan isin taasisa; waadaa kiyya anaa fi isin jiddu'utti cimsa. Midhaan moofaa hennaa dheeraa lafa taa'e nyaattan; midhaan haarawa uduu hin galfanneen dura moofaa yaaftan. Ani hulee bulti'ii kiyyallee isin jidduu godhadha; ani sirima isin hin jibbu. Ani wodhakkaa keessan deddeebi'a; ani Waaqa isinii ta'a; isinillee banii kiyya taatan. Akka isin garboota isaanii hin taaneef biyya Misiriitii ka isin baase ani Waaqa keessan; qambara garbumma'aa keessan cabsee akka ol jettanii deemtan isin godhe. «Garuu yoo na hin dhageenne, ajaja kanniin maraa yoo hin raawwanne, Yoo seera kiyya tuffattan, ajaja kiyya maraa, waadaa anaa fi isin jidduu jiru diiddanii yoo murtii kiyya jibbitan, Anillee waan kanniin isin irratti raawwadha; sodaa'a, huqqachuu, waan ija keessan golgoleessu, oo'a nafa keessan huqqisu isinitti fida. Midhaan keessan akkanumaan facaaftan; ka nyaatu ammo diina keessan. Ani waan aari'iin isin irratti ka'uuf hin mooyatamtan; worra isin jibbutu isin bulcha; uduu eennullee isin hin ariine baqattan. «Isin hagana mara yoo na hin dhageenne waan cubbuu keessaniitiif adaba harka torbaa isinitti eda'a. Hunna keessan ka uf jaju'uu hin cabsa; samii keessan akka sibiilaa jabeessee akka roobni hin roobne godha; lafa teessaniillee gossee akka sibiila diima'aa godha. Hunni keessan duwwa'atti dhuma; Laftillee midhaan isinii hin baaftu; munnillee isinii hin daraaru. «Ammallee yoo uf jaju'uun deemtanii fi yoo naa dhagawuu baattan, haguma cubbuu keessaniitiin balaa dachaa torbaa isin irratti eda'a; bineensa isinitti gad dhiisa. Ijoollee teessanillee isin harkaa guuratan; horii keessanillee isin harkaa guuratan; horii keessan hin fixan; laakkobsi keessan hin diqqaata; karaan keessanillee gammoojjii ta'a. «Yoo adabamuu baattanii akkanaan deemtan, yoo ajajamuu diddan, waan diduu keessaniitiif adaba guddaa isin adaba; waan cubbuu keessaniitiifillee adabbii dachaa torbaatiin isin adaba. Waan waada na woliin galtan diiddaniif woraanaan haluu isin baya; isinillee gara ganda keessanii deemtan; beela isinitti gad dhiisa; harka diinaatitti dabarsee isin kenna. Akka isin nyaata dhabdan isin taasisa; sababaa kanaaf dubartoonni teessan kudhan hennaa dhiyana bilcheeffattu, wonti isaan irratti bilcheeffatan eelema takkatti'i; isumallee yoo ta'e, bikkaan waan qoodamtaniif kanniin maraa nyaattanii hin quuftan. «Kana mara yoo na dhagawuu diddanii uf jaju'uun deemtan, anillee lolaan isinitti deema; waan cubbuu keessaniitiif adaba dachaa torba isin adaba. Isin foon ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa nyaattan. Hulee gaaraa ka isin itti sagaddan hin diiga; fakii adu'uu keessanillee hin balleessa; reeffa keessan waaqa keessan tolfamaa ka kufe irratti gata; ani guddisee isin jibba. Qachoota keessan duwwaa godha; mana woyyumma'aa keessanillee hin diiga. Ciincaa mishaa keessanillee hin urgeeffadhu. Lafa teessan sirima balleessa; diintonni teessan ka isii irra jiraatanillee hin maalalfatan. Isinillee orma jidduu isin bittinneessa; duula woraanaa isinitti yaasa; biyyi teessan baddee qachaan teessanillee duwwaa taati. Kanaan maayessa hara baafannaa isin lafaa kennuu hin dandeenne lafti argattee gammaddi; waan Sambata kiyya eeddeef haarawoomti. Waan hennaa isin irra jirtan san sambata kiyya hin eenneef hara hin baafanne; isin hennaa biyya diina keessanii irra jiraattan lafti duwwaa taatee hara baafatti. «Worra isin keessaa biyya diintota keessaniititti hafe sodaa itti gad dhiisa; baalli qilleensaan socho'ullee isin bararraassa; akka waan woraana jalaa dheessitaniititti baqattan; uduu eennullee isin hin ariine kuftan; uduu eennullee isaan hin ariine akka waan woraana dheessaniititti wol sassakaaltan; isin diintota keessan afoo dhaabachuu hin dandeettan. Orma jiddu'utti dhumtan; lafa diina keessaniititu isin liqimsa. Worri isin irraa fooyamanii hafan lafa diintota isaanii irratti cubbuu ufiitiin huqqatan; akkasuma cubbuu abboota isaaniitiinillee hin huqqatan. «Waan na irratti uf jajaniif yakka na yakkan cubbuu ufiitiif cubbuu abboota ufii himatan. Anillee akkasuma isaanitti uf jajee biyya diintota isaaniitittillee isaan galche; garuu yoo onneen isaanii ta hin qajeelle sun qajeeltee adaba cubbuu ufii san beekan; ani waadaa Yaaqoobii gale yaadadha. Akkasuma waadaa Abrahaamii fi Yisaaqii galeef biyyallee hin yaadadha. Sababaa cubbuu isaaniitiif lafti ona taati; yoo isaanillee irra hin jirre bara duwwaa taate san waan sambata eeddeef hin gammaddi; isaan waan murtii kiyya tuffatanii seera kiyyallee jibbaniif cubbuu isaaniitiif hin adabaman. Garuu ani Rabbi Waaqa isaanii waan ta'eef uduu isaan biyya diintota ufii jiran, haga isaan balleessuu waadaa isaan woliin gale haga diigutti isaan hin gatu; isaan hin shakkulle'e. Ani Waaqa isaanii ta'u'uuf uduu ormi isaan laalu biyya Misiriitii isaan baase; waadaa abboota isaanii waan isaaniitiif isaan yaadadha; ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef.» Seerri Rabbi ufii fi ijoollee Israa'elii jiddu'utti gaara Siina'aa irratti Muuse'etti kenne kanniin. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; namni kamuu yoo Rabbii nama kennu'uuf silatii qabe waan gatii nama sanii akkuma ati bikkitetti haa kennuu. Dhiiraaf umurii diddama irraa haga jahaatamaa akka madaala mana woyyumma'aatitti madaala saqilii shantamaatitti bikkamu haa ta'uu. Intalallee yoo taate saqilii soddomaa haa ta'uu. Woggaa shan irraa jalqabee haga woggaa diddamaa dhiiraaf saqilii diddama; intalaaf saqilii kudhan haa ta'uu. Ji'a tokko irraa haga woggaa shanii dhiiraaf madaala saqili'ii shan, intalaaf madaala saqilii sadihii haa ta'uu. Woggaa jahaatama irraa jalqabee achii ol dhiiraaf saqilii kudha shan, intalaaf saqilii kudhan haa ta'uu. «Waan gatii saniitiif waan kaffalu yoo dhabe ammo gadicha afoo haa dhaabatuu; gadichillee namicha silatii gale gatii haga inni baasuu haa bikkuu; gadichi waan gatii namicha silatii galee san haa bikkuu. «Ciincaan namichi Rabbii dhiyeessu yoo horii ta'e, wonti namni Rabbii dhiyeessu maruu woyyuu ta'a. Horii mishaa bada'aan; horii badaa ammo misha'aan hin jijjiirin; yoo horii hori'iin jijjiire inninii fi ka jijjiirame sunillee hin woyyooman. Horiin sun battaayee ka ciincaa Rabbiif hin taane yoo ta'e horii san gadicha afoo haa fiduu. Horiin sun badaa yookaan mishaa ta'uu gadichi haa bikkuu; akkuma gadichi bikke haa ta'uu. Yoo horii san furachuu barbaade haga gadichi bikke san irratti harka shanii haa eda'uu. «Namni Rabbii woyyoomu'uuf mana ufii yoo woyyoomse manni sun badaa ta'u'uuf mishaa ta'uu isaa gadichi haa laaluu; akkuma gadichi bikketti manni sun woyyooma. Namni mana woyyoome san yoo furachuu barbaade waan gadichi bikke san irratti horii harka shanii haa eda'uu; achiin maayessa manni ka isaa ta'a. «Namni ristii ufii keessaa yoo Rabbii woyyoomse gatiin isaa sun haga sanyii san lafti fudhachuu danda'uutiin haa bikkamuu; kunillee garbuu iifii diddamaatii fi saqilii shantamaa haa kaffaluu. Qonni sun woggaa Iyyoobeeliyu'uu irraa jalqabee yoo woyyoome gatii isaa maruma haa kaffaluu. Qonni sun woggaa Iyyoobeeliyu'uutiin maayessa yoo woyyoome gadichi gatii lafaa ka hafe bikkuma woggaa hafeetiin laakkayaaf; gatiin sunillee jalaa dhidhata. Namni qonna san woyyoomse yoo furachuu barbaade waan gatii lafti sun itti tilmaamamee dachaa shanii kaffalee lafti ta isaa haa taatuu. Yoo qonna san hin furanne yookaan yoo nama biraatitti gurgurate, lafa san deebi'ee furachuu hin danda'u. Qonni sun ammo woggaan Iyyoobeeliyu'uu yoo baye lafa woyyoomee Rabbii handhuurfame ta'a; ristiin sun ristii gadichaa ta'a. Namni yoo maasaa ristii ufii keessaa hin taane Rabbii woyyoome gadichi haga woggaa Iyyoobeeliyu'uutitti gatii lafa sanii hin laakkayaaf; guyyaa san gatii san akka waan Rabbii woyyoomeetitti Rabbii kenna. Woggaa Iyyoobeeliyu'uutitti qonni sun abbaa lafa gurgurate sanii deebiti. «Gatiin maruu akkuma madaala mana woyyu'uu ka sirrii ta'een bikkama; saqiliin tokko aboolii diddama. «Horii duraa ka ciincaa Rabbii dhiyaatu yoo waatii ta'e, yookaan hoolaa eennullee woyyoomsuu hin danda'u; hangafni ka Rabbii waan ta'eef. Horii battaayellee yoo ta'e akkuma gatii isaatiin haa furatuu. Waan gatii isaa irratti dachaa shanii godhee haa kaffaluu; yoo hin furanne bikkuma gatii isaatiin gurgurata. «Wonti Rabbii fooyame, ka Rabbiif handhuurame maruu nama yoo ta'e yookaan horii, qonna, ristii isaallee yoo ta'e kunniin hin gurguramu hin furamanille'e; wonti Rabbii handhuurame maruu woyyuu woyyootaati. Namoota keessaallee wonti Rabbii handhuurame maruu sirima hin furamu hin ajjeeffama. Kennaa kurneesso'oo sanyii lafti biqilchituu fi daraaraan mukaa maruu ka Rabbiiti; Rabbiif woyyooma. Namni yoo kurneessoo furachuu barbaade gatii isaa irratti harka shanii eda'ee kaffala. Sangoota maraa keessaa kudhan keessaa tokko hoola'aa fi re'iin tisseen tissitu keessaa kudhan keessaa tokko Rabbiif woyyooma. Akka badaa ta'eef mishaa ta'e hin laallamu hin jijjiiramulle'e; yoo jijjiirame inninii fi ka jijjiiramellee hin furamu woyyuu ta'a» Ajanyi Rabbi gaara siina'aa irratti Muuse'ee fi ijoollee Israa'elii ajaje kanniin. Rabbi Muusee haga isaan biyya Misiriitii bayaniin maayessa woggaa lammeesso'oo ji'a lammeesso'oo guyyaa jalqabaa lafa gammoojjii Siina'aa daasee keessatti akkana jedhee itti dubbate; «Banii Israa'elii maraa laakkobsa isaanii akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin maqaa ijoollee isaanii ta dhiiraa fuudhaa'a. Atii fi Aaroon ijoollee Israa'elii keessaa nama woggaa diddamaatii fi ka achii olii worra duula dhaquu danda'an maraa laakkayaa'a. Gosa maraa keessaa bulchaan maati'ii si woliin haa ta'uu. Maqaan worra isin woliin dhaabatanii kanniin; Mana Roobeelii keessaa ilma Saadiyoorii Eelsuur, Mana Simoonii keessaa ilma Suursadaayii Salami'eel, Mana Yihuuda'aa keessaa ilma Amiinaadaabii Na'aasoon, Mana Yisaakoorii keessaa ilma Soogaarii Naatinaa'eel, Mana Zaabiloonii keessaa ilma Keeloonii Eeliyaab, Ijoollee Yooseefii keessaa ijoollee Efreemii keessaa, ilma Amihuudii Eelsaamaa, mana Minaase'ee keessaa ilma Fiddaasuurii Qamaali'eel, Gosa Biiniyaamii keessaa ilma Gaadiyoonii Abidaan, Gosa Daanii keessaa ilma Amsaadaayii Aaki'eezar, Gosa Aaseerii keessaa ilma Eekraanii Fagi'eel, Gosa Gaadii keessaa ilma Daa'u'eelii Eelsaaf, Gosa Niftaalemii keessaa ilma Eenaanii Akiiree.» Banii Israa'elii keessaa bulchoonni gugurdoon filaman, ka gosa abboota banii kanaa kanniin. Muuseenii fi Aaroon maqaa worra filamanii kanniin fudhatanii; ji'a lammeesso'oo guyyaa jalqabaatitti banii maraa wolitti qabanii nama woggaa diddamaa irraa jalqabee ka achii olii maraa akka mana isaaniitiin, akka mana abboota isaaniitiin, akkuma maqaa laakkobsa isaaniitiin hortee ufiititti dubbatan. Muuseen akkuma Rabbi isa ajaje, akkasuma gammoojjii gaara Siina'aa irratti isaan laakkaye. Ijoollee Israa'elii ilmaan Roobeelii hangaftichaa akka dhaloota isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka mana abboota isaaniitiin laakkobsa maqaa isaaniitiin namni woggaa diddamaatii fi ka achii olii dhiirri duula dhaquu danda'u maruu, gofti Roobeelii worri laakkayaman kuma afurtamii jahaa fi dhibba shan turan. Ijoolleen Simoonii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka mana abboota isaaniitiin worri laakkayaman, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin, akka mana isaaniitiin dhiira woggaa diddamaa irraa jalqabee ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu, gosa Simoonii keessaa worri laakkayaman kuma shantamii sagalii fi dhibba sadihi turan. Ijoolleen Gaadii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin, nama woggaa diddamaa irraa jalqabee ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu, gosa Gaadii keessaa worri laakkayaman kuma afurtamii shanii fi dhibba jahaa fi shantama turan. Horteen ijoollee Yihuuda'aa akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin namni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an moruu, gofti Yihuuda'aa worri laakkayaman kuma torbaatamii afurii fi dhibba jaha turan. Ijoolleen Yisaakoorii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin namni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu, gofti Yisaakoorii worri laakkayaman, kuma shantamii afurii fi dhibba afur turan. Ijoolleen Zaabiloonii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin namni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu, gosa Zaabiloonii keessaa worri laakkayaman maruu namoota kuma shantamii torbaa fi dhibba afur turan. Ijoollee Yooseefii keessaa ijoolleen Efreemii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin, namoonni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an. gosa Efreemii keessaa worri laakkayaman kuma afurtamaa fi dhibba shan turan. Ijoolleen Minaase'ee akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin, namoonni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu gosa Minaase'ee keessaa worri laakkayaman kuma saddomii lamaa fi dhibba lama turan. Ijoolleen Biiniyaamii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin, namni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu, gofti Biiniyaamii worri laakkayaman kuma soddomii shanii fi dhibba afur turan. Ijoolleen Daanii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin namoonni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an, gosa Daanii keessaa worri laakkayaman maruu, kuma jahaatamii lamaa fi dhibba torba. Ijoolleen Aseerii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin, namoonni woggaa diddamaatii fi ka achii olii, worri duula dhaquu danda'an maruu; gosa Aseerii worri laakkayaman kuma afurtamii tokkoo fi dhibba shan turan. Ijoolleen Niftaalemii akka hortee isaaniitiin, akka gosa isaaniitiin, akka manniin abboota isaaniitiin, akka laakkobsa maqaa isaaniitiin, namoonni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu; gosa Niftaalemii keessaa worri laakkayaman kuma shantamii sadihii fi dhibba afur turan. Worri Muusee, Aaroonii fi bulchoonni gosa Israa'elii kudha lamman laakkayan kanniin; marti isaaniituu mana abboota ufiititti bulchoota turan. Ijoolleen Israa'elii worri laakkayaman maruu akka manniin abboota isaaniitiin, namoonni woggaa diddamaatii fi ka achii olii worri duula dhaquu danda'an maruu, worri laakkayaman kuma dhibba jahaaf sadihii fi dhibba shanii fi shantama turan. Worri Leewwotaa ammo gosa abboota ufii woliin hin laakkayamne. Rabbi Muusee akkana jedhee itti dubbate, «Gosa worra Leewwi'ii hin laakkayin; laakkobsa isaaniillee ijoollee Israa'eliititti hin makin. Garuu worra Leewwotaa meeshaa hulee bulti'ii hulee saanduuqa raga'aa waan ijoollee Israa'eliitiif ta'u maraa afoo isaanii dhaabi; worri Leewwotaa hulee bulti'iitiif meeshaa maraa haa baadhatanii; haa tajaajilanii; naannaya daasee wol gayi'iititti haa quphatanii. Hennaa daasee wol gayi'ii kaasan worri Leewwotaa haa buqqisanii; hennaa daasee wol gayi'ii dhaaban worri Leewwotaa haa dhaabanii; yoo namni biraa itti dhiyaate haa ajjeefamuu. Ijoolleen Israa'elii maruu naannaya isaaniititti, malkata adda isaan godhu harkatti qabatanii duula isaanii woliin haa quphatanii. Ijoollee Israa'elii irratti balaan akka hin dhufne, worri Leewwotaa naannaya saanduuqa raga'aa ka hulee bulti'ii jiru marsanii haa eeganii» jedheen. Kanaaf Ijoolleen Israa'elii akkuma Rabbi Muusee ajaje waan maraa godhan. Rabbi Muuse'ee fi Aaroonitti akkana jedhee dubbate; Ijoolleen Israa'elii maruu waan adda isaan godhu harkatti qabatanii malkata manniin abboota isaaniititti haa quphatanii; huleen isaan itti quphatanillee naannaya daasee wol gayi'iiti. Worri gara baya biiftu'uutitti quphatan, worri Yihuuda'aa akkuma duula isaaniitiin malkata adda isaan taasisu harkatti qabatanii quphatan; bulchaan ijoollee Yihuuda'aa ilma Amiinaadaabii Na'aasooniin ture. Duulli isaa worri isa woliin laakkayaman kuma torbaatamii afurii fi dhibba jaha ture. Worri cinaa isaatitti quphatan gosa Yisaakoorii ta'a; bulchaan ijoollee Yisaakoorii ilma Soogaarii Naatinaa'eeliin ture. Duulli isa woliin laakkayaman kuma shantamii afurii fi dhibba afur. Cinaa isaaniititti worri quphatan gosa Zaabilooniiti; bulchaan ijoollee Zaabiloonii ilma Keeloonii Eeliyaabiin ture. Duulli isaa worri isa woliin laakkayaman kuma shantamii torbaa fi dhibba afur ture. Ganda Yihuuda'aatii worri laakkayaman maruu akka duula isaaniitiin kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii jahaa fi dhibba afur; akka kanaan gofti Yihuuda'aa firrisanii deeman. Gara bita'aatiin duula isaanii woliin worri quphatan malkata ganda Roobeeliiti; bulchaan ijoollee Roobeelii ilma Saadiyoorii Eelsuur Duulli isaa worri isa woliin laakkayaman kuma afurtamii jahaa fi dhibba shan turan. Worri cinaa isaaniititti quphatan gosa Simooniiti; bulchaan ijoollee Simoonii Salaami'eelii ilma Suurshadaayii ture. Duulli isaa isaan keessaallee worri laakkayaman kuma shantamii sagalii fi dhibba sadihi turan. Worri cinaa isaaniititti quphatan gosa Gaadiiti; bulchaan ijoollee Gaadii ilma Daa'u'eelii Eelsaaf. Duulli isaa isaan keessaa worri laakkayaman kuma afurtamii shanii fi dhibba jahaa fi shantama turan. Ganda Roobeeliitii worri laakkayaman maruu, akka duula isaaniitiin kuma dhibba tokkoof shantamii tokkoo fi dhibba afurii fi shantama turan. Akkaataa kanaan kunniinillee isaan duukaa deeman. Achiin maayessa worri Leewwotaa ganda keessa hulee daasee wol gayi'ii jiddu'uun deema; namni maruu akkuma ganda isaaniitiin malkata adda isaan godhu harkatti qabatanii deeman. Worri gara dhiyaatiin quphatan duula isaanii woliin malkata ganda Efreemiiti; bulchaan ijoollee Efreemii ilma Amihuudii Eelsaama'a. Duulli isaa worri isaan keessaa laakkayaman kuma afurtamaa fi dhibba shan turan. Worri ladda isaaniitiin quphatan ammo gosa Minaase'eeti; bulchaan ijoollee Minaase'ee ilma Fiddaasuurii Gamaali'eeliin ture. Duulli isaa worri isaan keessaa laakkayaman kuma soddomii lamaa fi dhibba lama turan. Worri isaan laddatti quphate ammo gosa Biiniyaamiiti; bulchaan ijoollee Biiniyaamii ilma Gaadiyoonii Abdaaniin ture. Duulli isaa worri isaan keessaa laakkayaman kuma soddomii shanii fi dhibba afur ture. Ganda Efreemii keessaallee worri laakkayaman maruu akka duultota isaaniitiin kuma dhibba tokkoof saddeetii fi dhibba tokko turan; akkaataa kanaan kunniinillee hiriira sadeesso'oo ta'anii deeman. Worri gara mirgaatitti duultota isaanii woliin waan adda isaan godhu qabatanii quphatan malkata ganda gosa Daaniiti; bulchaan ijoollee Daanii ilma Amisaadaayii Aki'eezar ture. Duultonni isaallee worri isaan keessaa laakkayaman kuma jahaatamii lamaa fi dhibba torba turan. Worri ladda isaaniititti quphatan gosa Aseerii ilma Eekraanii Faagi'eeliin ture. Duulli isaa worri isaan keessaa laakkayaman kuma afurtamii tokkoo fi dhibba shan turan. Worri ladda isaaniititti quphatan gosa Niftaalemii ilma Eenaanii Aakiree ture. Duulli isaa worri isaan keessaa laakkayamanillee kuma shantamii sadihii fi dhibba afur. Ganda gosa Daanii keessaa worri laakkayan maruu kuma dhibba tokkoof shantamii torbaa fi dhibba jaha turan; isaanillee malkata isaanii qabatanii maayessaan deeman. Ijoollee Israa'elii keessaa akkaataa manniin abboota isaaniitiin worri laakkayaman kanniin; ganda keessaa akkaataa duula isaaniitiin worri laakkayaman maruu kuma dhibba jahaaf sadihii fi dhibba shanii fi shantama. Worri Leewwotaa ammo akkuma Rabbi Muusee ajaje isaan ijoollee Israa'elii woliin hin laakkayamne Ijoolleen Israa'elii akkuma Rabbi Muusee ajaje godhan; malkata adda isaan godhu qabatanii quphatan; akkasuma gosa ufiitii fi worra mana abboota isaanii woliin deeman. Hennaa Rabbi gaara Siina'aa irratti Muuse'etti dubbatu horteen Aarooniitii fi Muuse'ee kana ture. Maqaan ijoollee Aaroonii ka hangafaa Naadaab, Abiyuudi, Alaazaarii fi Itaamiir. Maqaan ijoollee Aaroonii gadoonni muudaman ka akka gadumma'aan tajaajilaniif woyyooman kanniin. Garuu Naadaabii fi Abiyuudi gammoojjii gaara Siina'aa irratti hennaa Rabbiin afo'otti ciincaa ibiddaan ciincawu dhiyeessan Rabbiin afo'otti dhayamanii du'an; isaan ijoolleellee hin qaban; Alaazarii fi Itaamiri abbaa ufii Aarooniin afo'otti gadumma'aan tajaajila'aa turan. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Gosa Leewwi'ii akka Rabbii hojjatan gadicha Aarooniin afoo fidii dhaabsisi. Isaan akka hujii daasee wol gayi'ii keessatti hojjatan isaa fi banii maraa akka tajaajilan waan barbaachisu maraa daasee wol gayi'ii afo'otti haa eeganii. Hujiin daasee wol gayi'ii keessatti hojjatamu akka hojjatamu mi'a maraa daasee wol gayi'ii keessatti haa eeganii; ijoollee Israa'elii tajaajila'aa waan isaan barbaachisu haa eeganii. Worra Leewwotaa Aaroonii fi ijoollee Aarooniitii kennita; isaanillee ijoollee Israa'eliitiif kennaman. Aaroonii fi ijoollee Aaroonii muudi; isaanillee gadummaa ufii haa eeganii; namni biraa yoo itti dhiyaate haa ajajjeefamuu» Rabbi Muusee akkana jedhee itti dubbate, «Ijoollee Israa'elii biratti waan hangafa dhalatu maraa ijoollee Israa'elii keessaa Leewwota fudhadheera. Hangafni maruu kiyya waan ta'eef worri Leewwotaa kiyya haa ta'anii; guyyaa ani biyya Misirii keessatti hangafoota maraa ajjeese sa'aa nama keessaa hangafoota Israa'elii hambifadheeraa tajaajiltoota kiyya haa ta'anii; Ani Rabbiin waan ta'eef» Rabbi Muusee gammoojji gaara Siina'aatitti akkana jedhee itti dubbate; «Ijoollee Leewwotaa hortee manniin abboota isaanii akka gosa isaaniitiin laakkayi; dhiira dhalatee ji'a tokkootii fi ka achii olii maraa laakkayi» Muuseenillee akkuma Rabbi isa ajajetti isaan laakkaye. Maqaan ijoollee Leewwi'ii kanniin; Geedisoon, Qa'aatii fi Meeraar. Maqaan ijoollee Geedisoonii akka gosa isaaniitiin kanniin; Loobeenii fi Saame'i. Ijoollee Qa'aatii akka gosa isaaniitiin Imbaaraam, Yisi'aar, Keebroonii fi Uuzi'eel; Ijoollee Meeraarii akka gosa isaaniitiin Mohoolii fi Muusi'i; gofti worra Leewwotaa akka hortee manniin abboota isaaniitiin kanniin. Gofti Loobeenotaatii fi gofti Saame'aawotaa gosa Geedisooniitiin wolitti makaman; gofti Geedisoonii kanniin; isaan keessaa worri laakkayaman laakkobsi dhiiraa ka nama dhalatee ji'a tokko gayee fi ka achii olii worri laakkayaman namoota kuma torbaa fi dhibba shan turan. Gofti Geedisoonotaa daasee wol gayi'iitiin duuba cinaa dhiyaatiin quphatan. Bulchaan hortee abboota Geedisoonotaa Elsaafii ilma Daa'eeliiti; gofti Geedisoonotaa daasee wol gayi'iititti wonti eegan hulee bulti'ii, waan isa irra dhayan, golga balbala daasee wol gayi'ii, golga hulee daasee wol gayi'ii, naannaya hulee waa irra dhayanii, golga wol gayi'ii, naannaya hulee ciinca'aatii fi bakka itti bayan, haada hulee sanitti tajaajilamaniin maraa hin eegan. Gosa Qa'aatii keessaa worri Imbaaraamotaa, worri Yisi'aarotaa, worri Keebrootaatii fi worri Uuzi'eelotaa achi turan; worri Qa'ootaa kanniin fa'a. Dhiirti maruu akka laakkobsa isaaniitiin ka dhalatee ji'a tokkootii fi ka achii olii nama kuma saddeetii fi dhibba jaha; isaan mana woyyuu eega'aa turan. Daasee bulti'ii ladda gara bita'aatiin quphatan. Bulchaan mana abboota worra Qa'aatii ilma Uuzi'eelii Eelsaafaaniin ta'a. Isaan saanduuqa waada'aa, gabatee baattuu ibsa'aa, waan ciincaa irratti dhiyeessan, waan ittiin tajaajilan, mi'a mana woyyu'uu golgaa fi waan ittiin tajaajilan maraa eegan. Bulchaan bulchoota Leewwotaa ilma gadicha Aaroonii Alaazar; inni bulchaa worra mana woyyu'uu eeganiiti. Gofti Meeraarii worra Molaalaawotaatii fi worra Muusaawotaati; worri Meeraarii kanniin. Isaan keessaa dhiirti maruu akka laakkobsa isaaniitiin worri laakkayaman namni dhalatee ji'a tokkootii fi ka achii olii kuma jahaa fi dhibba lama. Bulchaan mana abboota worra Meeraarii ilma Abikaa'ilii Suuri'eeliin ture; isaan ladda hulee daasee bulti'ii gara mirgaatitti quphatan wonti ijoolleen Meeraarii eeddu cufanaa balbala daasee bulti'ii, loosaa isaa, utubaa'a, miila isaatii fi meeshaa maraa waan ittiin tajaajilan, mana utubaa naannaya hulee itti bayanii dhaabatu miillan isaa, xiribba'aa fi haada hidhaniin fa'a eegan. Worri daasee wol gayi'ii afoo gara baya biiftu'uutitti daasee bulti'ii afo'otti quphatan Muuse'ee fi ijoollee Aarooniiti; isaan mana woyyuu ijoollee Israa'eliitii eegan; yoo namni biraa dhufe hin ajjeefama. Worri ajaja Rabbiitiin Muuseenii fi Aaroon laakkayan dhiirti worra Leewwotaa maruu ka dhalatee ji'a tokkootii fi ka achii olii worri laakkayaman maruu namoota kuma diddamii lama turan. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Banii Israa'elii keessaa dhiira hangafaa maraa laakkayi; nama dhalatee ji'a tokkootii fi ka achii olii laakkobsa maqaa isaanii fuudhi; bikka hangafa ijoollee Israa'elii maraa worra Leewwotaa, busaawaa worra Leewwotaa, bikka horii hangafaa ka ijoollee Israa'elii maraa ana Rabbiif fuudhi» Muuseenillee akkuma Rabbi isa ajaje hangafa ijoollee Israa'elii mara laakkaye. Isaan keessaa worri laakkayaman dhiira keessaa hangafni maruu akka maqaa isaaniitiin ka dhalatee ji'a tokkootii fi ka achii olii namoota kuma diddamii lamaaf dhibba lamaa fi torbaatamii sadihii turan. Rabbi Muusee akkana jedhee itti dubbate, «Bikka hangafa ijoollee Israa'elii maraa horii Leewwotaa bikka horii isaanii fuudhi; worri Leewwotaa kiyya haa ta'anii; ani Rabbiin waan ta'eef. Ijoolleen Israa'elii worri hangafa ta'anii dhalatan, laakkobsaan worra hangafa Leewwotaa dhibba lamaa fi torbaatamii sadihiin waan caalaniif kanniin hori'iin furi; mara isaaniituu madaala beekkame irra kaayiitii saqilii shanii kaffalchiisi. horii hafe ka ittiin furtu san Aaroonii fi ijoollee Aarooniitii kenni» Muuseen horii ijoollee Leewwotaa ka ittiin furee irraa hafe hin fudhate. Saqilii hangaffan ijoollee Israa'elii saqilii kuma tokkoo fi dhibba sadihii fi jahaatamii shanii ka madaala sirrii akkuma Rabbi isa ajaje Muuseen saqilii ittiin furan san fuudhee Aaronii fi ijoollee Aarooniitii kenne. Rabbi Muuse'ee fi Aaroonitti akkana jedhee dubbate. «Gosa ijoollee Leewwi'ii jiddu'uu akka gosa isaaniitiin, akka horte manniin abboota isaaniitiin laakkobsa ijoollee Qa'aatii fuudhi; Worra woggaa soddomaa irraa jalqabee haga woggaa shantamaa jiru, worra hojjachu'uuf dandeettii qaban daasee wol gayi'ii maraa keessaa wolitti eda'i. Daasee wol gayi'ii hulee woyyuu keessatti hujiin ijoollee Qa'aatii kana. «Hennaa hulee sanii ka'an Aaroonii fi ijoolleen Aaroonii seenanii golga hulee wol gayi'ii san dhossu haa buusanii; saanduuqa raga'aallee ittiin haa maranii; isa irrattillee erbee dhifamee laafeen haa maranii; loosaallee keessa haa galchanii. «Gabatee buddeenni kennaa Rabbii itti dhiyaatu haa golganii; isa irrattillee saanii ittoo itti dhiyeessan, mooqqaa, mijuu, waan ittiin woraabbamullee isa irra haa godhanii; buddeenni hennaa maraa jiraatu isa irra haa ta'uu. Isaan irrattillee carqii diimaa badhisaa'a; erbee sukkuumamee laafeen nafa isaanii dhossaa'a; loosaallee isa keessa galchaa'a. «Uffata bulee haa fuudhanii; baattuu ibsa'aa ka ifu waan gaga'aaf sayitii ittiin ibsan, girgiraa daara'aa, waan baattuu daara'aa irra kaayan isallee hojjachu'uuf mi'a sayiti'ii maraa itti haa uwwisanii; isaa fi mi'a maraa erbee sukkuumamee laafe keessa kaayanii waan isa ittiin baatanillee itti haa tolchanii. «Ciincaa worqi'ii irratti uffata bulee haa uwwisanii; erbee busaawa'aa ka sukkuumameen maranii loosaa baadhataniin keessa haa galchanii. Mi'a mana woyyuu keessatti ittiin hojjatan maraa haa fuudhanii; uffata bulee keessa haa kaayanii; gogaa busaawa'aa ka sukkuumameen haa maranii; waan isa ittiin baatanillee itti haa godhanii daaraa ibiddaallee hulee ciinca'aa irraa haa kaasanii; uffata hamara itti haa uwwisanii; Mi'a ittiin hojjatan maraa, girgiroota, qadhabaawwan, waan barbadaa ibiddaa ittiin haadhan, distoota, meeshaa ciincaa itti dhiyeessan maraa irra kaayanii isa irratti gogaa busaawa'aa ka dhifame irra badhisanii loosaa keessa haa luqqisanii; Hennaa achii ka'e Aaroonii fi ijoolleen Aaroonii mi'a mana woyyu'uutii fi mana woyyuu haga uwwisaniin maayessa ijoolleen Qa'aatii hennaa san baadhachu'uuf dhufan isaan akka hin duuneef mana woyyuu akka hin tundhe daasee wol gayi'ii keessatti wonti ijoolleen Qa'aatii baadhattu kana. «Ilmi gadicha Aaroonii Alaazar ibsaa sayiti'ii ciincaa midhaanii mi'aayaa ka hennaa maraa dhiyaatu sayitii muudamaa irratti haa muudamuu; daasee wol gayi'iitii fi waan isa keessa jiru maraa haa eeguu» jedheen. Rabbi Muuse'ee fi Aaroonitti akkana jedhee dubbate. «Gosa worra Qa'aatii worra Leewwotaa jiddu'uu hin balleessin; Garuu hennaa gara woyyittii woyyootaa dhiyaatan isaan akka hin duune akka lubbu'uun jiraatan godhi; Aaroonii fi ijoolleen isaa keessa haa seenanii; nama maraa akka hojjatanii fi akka waa baadhatan haa ajajanii. Garuu isaan akka hin duune meeshaa mana woyyuu keessa jiru laalu'uuf tasumallee akka hin seenne» jedheen. Rabbi Muusee akkana jedhee itti dubbate; «Ijoollee Geedisooniitii fi hortee manniin abboota isaanii, gosa isaanii maraa fuudhi; hujii daasee wol gayi'ii keessatti akka hojjataniif nama woggaa soddomaa irraa jalqabee haga woggaa shantamaa jiran ka daasee wol gayi'ii keessa seenan maraa laakkayi; hujiin worra Geedisoonii ka isaan hojjatanii fi wonti isaan baadhatan kana. Golga daasee wol gayi'ii, daasee wol gayii, waan isa irra dhayan, gogaa busaawa'aa ka sukkuumamee laafe, golga balbala daasee wol gayi'ii, golga daasee wol gayi'iitii fi golga naannaya hulee ciinca'aaf itti bayanii, mi'a ittiin hojjatan, haada ittiin waa hidhan maraa haa baadhatanii; achitti haa hojjatanii. Hujiin worra Geedisoonotaa hujiin isaaniitii fi ba'aan isaanii maruu ajaja Aarooniitii fi ajaja ijoollee Aarooniitiin haa ta'uu; ba'aa baadhatan maraa isaanitti himtan. Hujiin worra Geedisoonotaa daasee wol gayii'ii keessatti kana; isaan ilma Aaroonii Itaamiriin jala ta'an. «Ijoollee Meeraariillee akka gosa isaaniitii fi hortee manniin abboota isaanii laakkayi; Hujii daasee wol gayi'ii akka hojjatan worra hujii hojjachuu danda'an maraa namoota woggaa soddomaa haga shantamaa jiran maraa laakkayi; hujiin isaanii ka daasee wol gayi'ii keessaa maruu cufanaa'a, loosaa cufana'aa, waan irra taa'an, miillan isaanii, utubaa naannaya isaanii dhaabatan, miillan isaanii, xiribbaa isaanii, waan ittiin hidhan, mi'a maraa, waan ittiin hojjatan maraa baadhachuu mi'a baadhatanii fi ka eegan maraa maqaa isaaniitiin laakkayaa'a. Hujiinii fi gayeen ijoollee worra Meeraarii ilma gadicha Aaroonii Itaamiriin jalatti hujiin isaanii ka daasee wol gayi'ii keessaa kana.» Muuse'ee fi Aaroon bulchoonni bani'iillee ijoollee Qa'aatii akka gosa isaaniitiin hortee manniin abboota isaanii hin laakkayan. Worra daasee wol gayi'ii keessatti hujii hojjachu'uuf seenan maraa namoota woggaa soddomaa irraa jalqabee haga woggaa shantamaa jiru laakkayan; Akka gosa isaaniitiin isaan keessaa worri laakkayaman maruu kuma lamaa fi dhibba torbaa fi shantama turan. Akkuma Rabbi Muusee ajaje worri daasee keessatti hojjatan maruu worri Qa'aatii ka Muuseenii fi Aaroon laakkayan kanniin. Ijoolleen Geedisoonii akka gosa isaaniitiin akka hortee manniin abboota isaaniitiin, huji'iif worri daasee wol gayi'ii keessa hojjachu'uuf seenan namni woggaa soddomaa irraa jalqabee haga woggaa shantamaa jiru, akka gosa isaaniitii fi akka hortee manniin abboota isaaniitiin worri laakkayaman namoota kuma lamaa fi dhibba jahaa fi soddoma turan. Akkuma Rabbi Muusee ajaje ijoolleen Geedisoonii ka daasee wol gayi'ii keessatti tajaajilan akka gosa isaaniitiin worri Muuseenii fi Aaroon laakkayan kanniin. Gofti worra ijoollee Meeraarii akka hortee manniin abboota isaaniitiin worri laakkayaman, worri daasee wol gayi'ii keessatti hojjachu'uuf seenan maruu namni woggaa soddomaa irraa jalqabee haga wogga shantamaa jiran, akka gosa isaaniitiin worri laakkayaman namoota kuma sadihii fi dhibba lama turan. Akkuma Rabbi Muusee ajaje ijoolleen worra Meeraarii ka Muuse'ee fi Aaroon laakkayan kanniin. Worri Leewwotaa akka gosa isaaniitiin, akka hortee manniin abboota isaaniitiin ka Muusee, Aaroonii fi bulchoonni Israa'elii laakkayan, Worri daasee wol gayi'ii keessatti hujii hojjachu'uuf, mi'a baadhachu'uuf seenan maruu, nama woggaa soddomaa irraa jalqabee haga woggaa shantamaa jiru, worri isaan keessaa laakkayame namoota kuma saddeetii fi dhibba shanii fi saddeettama. Akkuma Rabbi Muusee ajaje marti isaaniituu akka hujii isaaniitiif ba'aa isaaniitiin harka Muuse'eetiin laakkayaman; akkuma Rabbi Muusee ajaje isaan harka isaatiin laakkayaman. Rabbi Muusee akkana jedhee itti dubbate; «Ijoollee Israa'elii keessaa nama dhibee gogaa kukkutu qabu maraa, nama waan akka bisaanii ka nafa isaa keessaa jigu qabu maraa, nama reeffa tuqu'uun battaaye maraa, akka ganda keessaa baasan isaan ajaji; dhiiraa fi intalallee baasaa'a; ganda isaanii keessa hulee ani bulu akka hin xureessine ganda san keessaa isaan baasaa'a» Ijoolleen Israa'eliillee akkasuma ganda keessaa baasan; akkuma Rabbi Muuse'etti dubbate ijoolleen Israa'eliillee akkasuma godhan. Rabbi Muusee akkana jedhee itti dubbate, «Dhiirti yookaan intalti ajaja Rabbii diigu'uuf cubbuu namni biraa hojjatu san irratti yoo yakka hojjate cubbuu hojjate san haa himatuu waan fudhate maraaf harka shanii godhee nama yakkame sanii haa deebisuu jedhii ijoollee Israa'eliititti himi Garuu namichi yakkame sun yoo fira hin qabne waan yakka ufiitiif wonti inni Rabbii deebisu sun ka gadichaa haa ta'uu; kunillee waan araara isaatiif ta'u korbeessa hoola'aa irratti haa eda'amuu. Akka kanaan kennaan addaa ka Israa'eloonni Rabbii dhiyeessan gayee kennaa gadichaati. Kennaan addaa woyyuun ka namni maruu Rabbiif dhiyeessu kama nama dhiyeesse sanii ta'a; yoo gadichaaf kenname ammo kama gadichaa ta'a» Kanaan maayessa Rabbi Muusee akkana jedhee itti dubbate; «Eennullee haati manaa isaa yoo isa biraa deemte, yoo isa yakkitee yoo nama biraatitti oolte, yoo abbaa worraa ufii jalaa dhokatte, isiin dhokattee yoo battoofte, yoo ragaa hin qabaanne, uduu seebartu yoo hin argamne, abbaan worraa isi'ii yoo hinaafe, isiin hin battoofte jedhee haadha manaatitti yoo hinaafe yookaan uduu isiin hin battoofne yoo hinaafe, namni sun haadha manaa ufii gadichatti haa fiduu; daakuu garbu'uu iifii tokko ka kenna'aaf barbaachisu woliin haa fiduu; garuu isa irratti dhadhaa ejersaa hin buusin; hixaanallee itti hin eda'in; sababaan kennaan sun waan dhuga'aa ifatti baasuu akka dandeessisu waan shakkii haadha manaatiif ka dhiyaatu. «Gadichillee isii fidee Rabbiin afoo dhaabsisa; gadichi bisaan qulqulluu mi'a faaraatitti woraabee biyyee daasee wol gayi'ii keessa jiru fuudhee, bisaan woraabe sanitti facaasa; gadichi intalattii san Rabbiin afoo dhaabsisa; mataa isi'ii ol qabee waan isiin maratte irraa mulqee ol qabee kennaa midhaanii harka isi'iitiin akka yaadanno'oof ta'u kennaa hinaaffa'aa san kaaya; kennaan kunillee harka gadichaatitti bisaan hadhaayaa abaarsa fidu ta'a. Akkana jedhee isii kakachiisa; dhiira biraatitti ooltee yoo abbaa worraa kee hin dhiifnee yoo ka uf hin batteessine taate bisaan abaarsa fidu kun si hin tuqin; garuu abbaa worraa kee dhiiftee yoo ka battoofteertuu abbaa worraa keetiin gama dhiira biraatitti yoo ka oolteertuu, gadichi intala tana hin kakachiisa; gadichi intalatti'iin ‹Rabbi gudeeda kee haa raammessu; garaa kee haa bokossu; banii kee keessaa nama abaarsaa si haa godhu; bisaan abaarsa fidu kun garaa kee keessa haa seenu; si haa bokossu; gudeeda kee haa shamsu.› isiinillee ‹Amiin amiin Rabbi akkasuma na irratti haa godhu› jettee deebiftiif. «Kanaan maayessa gadichi abaarsa kanniin gabatee irratti barreessee bisaan abaarsa fidu saniin qulqulleessa. Bisaan abaarsa fidu san intalattii obaasa; bisaan san hennaa garaa isi'ii keessa seene bisaan hadhaawu ta'a. Gadichi kennaa midhaanii ka waan hinaaffa'aatiif dhiyaatu san isii harkaa fuudhee Rabbiin afo'otti sosochoosa; gara hulee ciinca'aallee hin fida. Kanaan maayessa gadichi kennaa midhaanii san hammaarrii tokko guutuu yaadanno'oof fuudhee hulee ciinca'aa irratti ciinceessa; achiin maayessa bisaan san intalattii obaasa. Haga bisaan isii obaaseen maayessa isiin ta battooftee fi ta abbaa worraa ufii dhiiftee seebarte akka taate bisaan abaarsa fidu sun isii keessa seenee hadhaa itti ta'a; garaa isi'ii hin raammessa; isiin banii ufii jiddu'utti ta abaaramte taati. Yoo nama hin battoofne ta mudaa hin qabne taate qulqulluu taati, ulfooftee dawuu dandeetti. yoo san namichi cubbuu irraa hin qulqullaaya; isiin ammo cubbamtuu taati» jedheen. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Dhiirti yookaan intalti yoo Rabbiif adda uf baasu'uuf silatii qabe; daadhii woyini'iitii fi waan nama macheessu irraa uf haa qabuu; woyinii yookaan waan dhangaggaawu hin dhugin; cuunfaa woyini'iillee hin dhugin; daraaraa isaa ka gogellee hin nyaatin; Ji'oota Rabbiif adda uf baase irraa jalqabee daraaraa woyini'ii qola isaallee akka hin nyaanne. «Bara Rabbiif adda uf baasu'uuf silatii qabe san irraa jalqabee haga barri inni Rabbiif adda uf baase sun raawwatamutti mataa akka hin haadanne inni woyyuu ta'a; mataa ufiillee hin guddifata. Bara Rabbiif adda uf baase maraa reeffatti akka hin dhiyaanne; silatiin inni Rabbiif qabe ka adda uf baaseen sun isa irra waan jiruuf abbaa, haati, ilmi haadha isaatii fi intalti haadha isaa yoo du'an reeffa isaanii tuqee akka uf hin batteessine. Barri inni Rabbiif adda baye sun woyyuu ta'a. «Namni yoo akka tasaa isa biratti du'e uf Rabbiif ka adda uf baase kun yoo uf batteesse guyyaa torbeesso'oo guyyaa qulqullaawu mataa ufii haa haadatuu. Guyyaa saddeetesso'ootitti kuukurruu lamaa, ilmoolee handari'ii qabatee gara balbala daasee wol gayi'ii gadichatti haa fiduu; gadichi tokko ciincaa cubbu'uutiif; ka lammeesso'oo ammo ciincaa ciincawuuf dhiyeessa; namichi reeffa tuqee uf batteessu'uun waan cubbamaa ta'eef guyyaa san araara godheefii isa woyyoomsa. Bara inni Rabbiif adda uf baase san Rabbii woyyoomsa; korbeessa woggaa tokkoo ciincaa yakkaatiif haa fiduu; waan inni bara Rabbiif adda uf baase san keessatti battaayeeruuf bara sanniin hin woyyoomsa; korbeessa woggaa tokkoo ciincaa yakkaatiif haa fiduu; waan Rabbiif adda uf baasuun isaa sun battaayeef; ji'oonni inni Rabbiif adda uf baase sunniinillee duwwaa ta'a. «Barri inni Rabbiif adda uf baase sun hennaa raawwate; seerri Rabbiif adda bayaniin kana; inni gara balbala daasee wol gayi'ii haa dhufuu. Achitti kennaa Rabbiif haa dhiyeessuu; korbeessa hoola'aa ka woggaa tokkoo ka mudaa hin qabne ciincaa ciincawuuf; goromtii woggaa tokkoo ta mudaa hin qabne ciincaa cubbu'uutiif; korbeessa hoola'aa ka mudaa hin qabne ciincaa fayyumma'aatiif, xoroshoo kooboo tokkoo ka sayiti'iin sukkuumame bixilee daakuu misha'aan tolfame ka sayitii itti diban xoroshoo haphii fi kennaa waan dhuganii haa fiduu; «Gadichi kanniin maraa Rabbiin afoo fida; ciincaa cubbu'uutii fi ciincaa waan yakkaatiif dhiyaatullee hin dhiyeessaaf; korbeessa hoola'aa ka ciincaa fayyumma'aa xoroshoo kooboo tokkoo woliin Rabbiif dhiyeessa; gadichillee kennaa midhaaniitii fi kennaa waan dhuganii dhiyeessa. Namichi Rabbiif adda baye sun mataa ufii daasee wol gayi'ii keessatti haadata; rifeensa mata'aa ka haadate san fuudhee ibidda ciincaa fayyumma'aatiif qophaaye irratti guba. «Gadichi irree foon korbeessa hoola'aa ka affeelame bixilee xoroshoo kooboo tokko keessaa fuudhee xoroshoo haphii tokko fuudhee namichi adda uf baasee mataa haga haadateen maayessa harka nama adda uf baasee san irra kaaya; gadichi kennaa kanniin sosochoosu'uuf Rabbiin afoo fida; hin sosochoosalle'e; foon lukaatii fi foon handaraafaa ka gadichaaf woyyoome; achiin maayessa namichi Rabbiif adda baye (Naazirichi) sun daadhii woyini'ii dhuguu hin danda'a. «Eegasuu namoonni adda bayan kun seera waan nama Rabbiif adda bayeef kennamu akkuma seera nama Rabbiif adda bawuutitti waan kana godha» jedheen. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Aaroonii fi ijoollee Aarooniititti akkana jedhii himi; yoo ijoollee Israa'elii eebbiftan akkana jedha'aa eebbisaa'a. ‹Rabbi si haa eebbisu; si haa eegu; Rabbi fuula ufii sii haa ibsu garaa sii haa laafu; Rabbi fuula ufii gara kee haa deebifatu; nagaya sii haa kennu› » jedheen. Akkasuma Rabbi, «Akka kanaan maqaa kiyya waamanii banii Israa'elii yoo eebbisan anillee isaan eebbisa» jedhe. Muuseen hulee bulti'ii ijaaree ufii fi mi'a maraa haga muudee woyyoomseen maayessa; hulee ciinca'aatii fi meeshaa maraa haga woyyoomseen maayessa, bulchoonni worra Israa'elii, bulchoonni hortee manniin abboota isaanii kennaa ufii dhiyeessan; kunniin haga laakkayamanii ol worra bulchaa gosootaa turan. Isaanillee kennaa ufii Rabbiin afoo dhiyeessan; kennaan isaan Rabbii fidanillee maqaa bulchoota lamaaniitiin konkolaataa fardaa tokko, akkasuma maqoota bulchaa maraatiinuu sangaa tokko, konkolaataa fardaa jahaa fi sangoota kudha lamaa dhiyeessan. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Akka hujii daasee wol gayi'iitiif ta'u isaan irraa fuudhiitii worra Leewwotaatiif akkaataa hujii isaaniitiin kenniif.» Kanaaf Muuseenillee konkolaataa fardaatii fi sangoota fuudhee worra Leewwotaatii kenne. Ijoollee Geedisooniitiif ammo akkuma hujii isaaniitiin konkolaataa fardaa lamaa fi sangoota afur kenne. Ijoollee Meeraarii ka ilma gadicha Aaroonii Itaamiriin jala jiraataniifillee akkuma hujii isaaniitiin konkolaataa fardaa afurii fi sangoota saddeetii kenneef. Ijoollee Qa'aatii ammo isaan waan mana woyyuu keessatti hojjataniif waan gurmu'utti baadhataniif womaa isaanii hin kennine. Gaafa hulee ciinca'aa muudan bulchoonni hulee ciinca'aa woyyoomsu'uuf kennaa dhiyeessan; bulchoonni kennaa ufii gara hulee ciinca'aa dhiyeessan. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Bulchoonni hulee ciinca'aa woyyoomsu'uuf namni maruu kennaa ufii guyya guyya'aan haa dhiyeessuu.» Guyyaa jalqabaa namni kennaa ufii dhiyeessu gosa Yihuuda'aa keessaa ilma Aminaadaabii Na'aasoon ture; kennaan inni dhiyeessellee kennaa midhaanii daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame akka madaala mana woyyu'uutitti saqilii dhibba tokkoo fi soddomaa, keree birrii irraa hojjatame saqilii torbaatamaa, mooqqaa worqii irraa hojjatame tokko ka saqilii kudhanii, ciincaa ciincawuuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa re'e'ee ka woggaa tokkoo, korbeessa re'e'ee ka ciincaa fayyumma'aatiif dhiyaatu, sangoota lamaa, korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa ta woggaa tokkoo shan dhiyeesse ilmi Aminaadaabii Na'aasoon kennaa kanniin Rabbii dhiyeesse. Guyyaa lammeesso'oo ilma Soogaarii Natinaa'eel ka bulchaa Yisaakooriititu dhiyeesse. Kennaan dhiyeesse sun daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame ka saqilii dhibba tokkoo fi soddomaa ta'e keree birrii irraa hojjatame tokko ka saqilii torbaatamaa, keree tokko ka birrii irraa hojjatame, ka hixaanaan aarsan saqilii kudhan, mooqqaa tokko ka worqii irraa hojjatame, jibicha tokko ciincaa ciincawuuf, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa ka woggaa tokkoo, korbeessa re'e'ee ka ciincaa cubbu'uutiif dhiyaatu, sangoota lamaa, ciincaa fayyumma'aatiif korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa shan ciinca'aaf dhiyeesse; kennaan Naatinaa'elii ilma Soogaarii kana. Guyyaa sadeesso'oo Eliyaabii ilma Keeloonii ka bulchaa ijoollee Zaabiloonii Rabbii dhiyeesse kennaa midhaanii, daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame ka saqilii dhibba tokkoo fi soddomaa, keree birrii irraa hojjatame tokko ka saqilii torbaatamaa, keree tokko ka birrii irraa hojjatame ka hixaana itti guutan ka saqilii kudhanii, mooqqaa tokko ka worqii irraa hojjatame, ciincaa ciincawuuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa ka woggaa tokkoo, korbeessa re'e'ee tokko ciincaa cubbu'uutiif sangoota lamaa ciincaa fayyumma'aatiif korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa ta woggaa tokkoo shan Rabbii dhiyeesse; kennaan ilmi Keeloonii Eeliyaab Rabbii dhiyeesse kanniin. Guyyaa arfeesso'oo ilma Saadiyoorii Eelsuur ka bulchaa ijoollee Roobeeliititu Rabbii dhiyeesse. Kennaan inni dhiyeessellee kennaa midhaanii daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame saqilii dhibba tokkoo fi soddomaa, keree birri irraa hojjatame ka saqilii torbaatamatti bikkamu, keree birrii irraa hojjatame tokko ka hixaana itti guutan ka bikkituun isaa saqilii kudhanii, mooqqaa worqii irraa hojjatame tokko, ciincaa ciinca'uuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa ka woggaa tokkoo, ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee, sangoota lamaa ciincaa fayyumma'aatiif korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa ka woggaa tokkoo shan, ilmi Saadiyoorii Eelsuur kennaan inni Rabbii dhiyeesse kana. Guyyaa shaneesso'oo Salaami'eelii ilma Suursadaayii ka bulchaa ijoollee Simoonii; kennaan inni dhiyeesse kennaa midhaanii daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame ka madaalliin isaa akka bikkituu mana woyyu'uutiin saqilii dhibba tokkoo fi soddomaa, keree birrii irraa hojjatame tokko ka madaalli isaa saqilii torbaatamaa, keree birrii irraa hojjatame tokko ka hixaana itti guutan ka madaalliin isaa saqilii kudhanii, mooqqaa tokko ka worqii irraa hojjatame, jibicha tokko ciincaa ciincayuuf, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa ka woggaa tokkoo, ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko, sangoota lamaa, ciincaa fayyumma'aatiif korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa shan ka woggaa tokkooti; kennaan ilmi Suursadaayii Salaami'eel Rabbii dhiyeesse kana. Guyyaa jaheesso'oo Alsaafii ilma Daa'u'eelii ka bulchaa ijoollee Gaadiititu kennaa dhiyeesse. Kennaan inni dhiyeessellee kennaa midhaanii, daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame ka madaalliin isaa akka madaala mana woyyu'uutiin saqilii dhibbaa fi soddomaa, keree tokko ka birrii irraa hojjatame ka bikkituun isaa saqilii torbaatamaa, keree birrii irraa hojjatame tokko ka hixaana itti guutan ka saqilii kudhanii, mooqqaa worqii irraa hojjatame tokko, ciincaa ciincawuuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa tokko ka woggaa tokkoo, korbeessa re'e'ee tokko ciincaa cubbu'uutiif, ciincaa fayyumma'aatiif sangoota lamaa, korbeeyyii hoolotaa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoolotaa ka woggaa tokkoo shan, kennaan ilmi Daa'u'eelii Eelsaaf dhiyeesse kana. Guyyaa torbeesso'oo Elsaamaa ilma Amihuudii ka bulchaa ijoollee Efreemiititu kennaa dhiyeesse. Kennaan inni dhiyeessellee kennaa midhaaniitii fi daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame ka bikkituun isaa akka bikkituu mana woyyu'uutiin saqilii dhibbaa fi soddomaa, keree tokko ka birri irraa hojjatame ka madaalliin isaa saqilii torbaatamaa, keree birrii irraa hojjatame tokko ka hixaana itti guutan ka saqilii kudhanii, mooqqaa tokko ka worqii irraa hojjatame, ciincaa ciincawuuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa ka woggaa tokkoo, ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko, ciincaa fayyumma'aatiif sangoota lamaa, korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'inii shan, korbeeyyii hoola'aa shan ka woggaa tokkoo, kennaan ilmi Amihuudii Elsaamaan dhiyeesse kana ture. Guyyaa saddeetesso'oo Gamaali'eelii ilma Fiddaasuurii ka bulchaa ijoollee Minaase'eetitu kennaa dhiyeesse. Kennaan inni dhiyeesse kennaa midhaanii keessaa daakuu mishaa dhaadha'aan sukkuumame, akka bikkituu mana woyyu'uutiin saqilii dhibbaa fi soddoma, keree birrii irraa hojjatame tokko ka saqilii torbaatamaa, keree birrii irraa hojjatame tokko ka saqilii kudhanii, mooqqaa worqii irraa hojjatame tokko, jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa ka woggaa tokko, ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko, ciincaa fayyumma'aatiif sangoota lamaa, korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa ka woggaa tokkoo shan, kennaan ilmi Fiddaasuurii Gamaali'eel ciincaa ciincayuuf dhiyeesse kana. Guyyaa salgeesso'oo Abidaan ilmi Gaadiyoonii ka bulchaa ijoollee Biiniyaamiititu kennaa dhiyeesse. Kennaan inni dhiyeessellee kennaa midhaanii, daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame ka bikkituun isaa akka bikkituu mana woyyu'uutiin saqilii dhibbaa fi soddomaa, keree birrii irraa hojjatame tokko ka saqilii torbaatamaa, ka hixaana itti guutan ka saqilii kudhanii, mooqqaa worqii irraa hojjatame tokko, ciincaa ciincawuuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa ka wogga tokkoo, ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko, ciincaa fayyumma'aatiif sangoota lamaa, korbeeyyii hoolotaa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa ka woggaa tokkoo, kanniin ilmi Gaadiyoonii Abidaan kennaan inni Rabbiif dhiyeesse kana. Guyyaa kurneesso'oo Aki'eezarii ilma Amisaadaayii bulchaa ijoollee Daaniititu kennaa dhiyeesse. Kennaan inni dhiyeesse kennaa midhaanii daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame bikkituu mana woyyu'uutiin saqilii dhibbaa fi soddomaa, keree tokko ka birrii irraa hojjatame, keree tokko ka saqilii torbaatamaa ka hixaanaan guuttame, mooqqaa worqii irraa hojjatame tokko ka saqilii kudhanii, ciincaa ciincawuuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa ka woggaa tokkoo, ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko, ciincaa fayyumma'aatiif sangoota lamaa, korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoolotaa ka woggaa tokkoo shan, kennaan ilmi Amisaadaayii Aki'eezar dhiyeesse kana ture. Guyyaa kudha tokkeesso'oo Faagi'eelii ilma Ekiraanii ka bulchaa ijoollee Aseeriititu kennaa dhiyeesse; kennaan inni dhiyeesse kennaa midhaanii, daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame bikkituu mana qulqullumma'aatiin saqilii dhibbaa fi soddomaa, distii birri irraa hojjatame tokko ka bikkituun isaa saqilii torbaatamaa, mooqqaa worqii irraa hojjatame ka hixaana itti guutan tokko ka saqilii kudhanii, ciincaa ciincawuuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko ka woggaa tokkoo, ciincaa cubbu'uutiif korbeessaa re'e'ee tokko, ciincaa fayyumma'aatiif sangoota lamaa, korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa ka woggaa tokko shan, kennaan Faagi'eel ilmi Ekiraanii dhiyeesse kanniin ture. Guyyaa kudha lammeesso'oo Akiree ilma Eenaanii ka bulcha ijoollee Niftaalemii kennaa midhaanii daakuu mishaa dhaadha'aan sukkuumame keree worqii irraa hojjatame tokko ka saqilii dhibbaa fi soddomaa, keree worqii irraa hojjatame ka saqilii torbaatamaa, mooqqaa worqii irraa hojjatame tokko ka hixaana saqilii kudhaniitiin guuttame, ciincaa ciincawuuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko ka woggaa tokkoo, ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko, ciincaa fayyumma'aatiif sangoota lamaa, korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa ta woggaa tokkoo shan dhiyeesse. Gaafa hulee ciinca'aa muudan bulchoonni Israa'elii kennaan isaa hulee san woyyoomsu'uuf dhiyeessan keree birrii irraa hojjatame kudha lama, shandhee birrii irraa hojjatame kudha lama, mooqqaa birrii irraa hojjatame kudha lama, kereen birrii irraa hojjatame maruu saqilii dhibbaa fi soddoma; kereen maruu saqilii torbaatama; gatiin mi'a kanniin maraa akka bikkituu mana woyyu'uutiin saqilii kuma lamaa fi dhibba afur. Mooqqaan worqii irraa hojjatame ka hixaana itti guutan kudha lammanuu bikkituu mana woyyu'uutiin saqilii kudhan kudhan, worqiin mooqqa'aa maruu saqilii dhibbaa fi diddama. Horiin ciincaa ciincawuuf dhiyaate maruu kennaa midhaanii woliin jiboolee kudha lama, korbeeyyii hoola'aa kudha lama, korbeeyyii hoolota ta woggaa tokkoo kudha lama, korbeeyyiin re'iinii ka ciincaa cubbu'uutiif dhiyaatellee kudha lama, horiin ciincaa fayyumma'aatiif dhiyaate sangoota diddamii afur, korbeeyyii hoola'aa jahaatama, korbeeyyii re'iinii jahaatama, korbeeyyii hoolotaa ka woggaa tokkoo jahaatama haga huleen ciinca'aa muudameen maayessa kennaan woyyoomsu'uuf kenname kanniin. Muuseen hennaa Rabbiin woliin dubbatu'uuf gara daasee wol gayi'ii seene qadaada saanduuqaa ka Araaraa gubba'aa kiruubeelii jiddu'uun laagaan isaa hennaa dubbatu dhagaya'aa ture; innillee woliin qaaqe. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Hennaa ibsaa ibsitu ibsaan torbanuu baattuu ibsa'aa afo'otti ifan jedhii Aaroonitti himi» Aaroonillee akkasuma godhe; akkuma Rabbi Muusee ajaje baattuu ibsa'aa afo'otti ibsaa qabsiise. Baattuun ibsa'aa worqii tumame irraa akkasumatti hojjatame; soomayyuu isaa irraa jalqabee haga daraaraan isaa tumamee hojjatame akkuma Rabbi Muuse'etti mudhise baattuu ibsa'aa akkasumatti hojjate. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Israa'elii keessaa worra Leewwotaa fuudhii isaan woyyoomsi; hennaa isaan woyyoomsitu akkana goota; bisaan cubbuu irraa isaan qulqulleessu isaanitti facaasi; rifeensa nafa isaanii irra jiru maraa haa haadatanii, uffata ufii haa miicatanii; nafa ufiillee haa dhiqatanii. Jibicha, kennaa midhaaniitii fi daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame haa fidanii; jibicha biraallee ciincaa cubbu'uutiif fidi; kanaan maayessa worra Leewwotaa daasee wol gayi'ii afoo fidii banii ijoollee Israa'elii maraa wolitti qabi. Worra Leewwotaa Rabbiin afoo dhiyeessi; ijoolleen Israa'elii harka ufii worra Leewwotaa irra haa kaayanii. Aaroon worri Leewwotaa akka Rabbiif hojjataniif worra Leewwotaa ijoollee Israa'elii jiddu'uu kennaa godhee Rabbiin afoo haa dhiyeessuu; Worri Leewwotaallee harka ufii mataa mirgoole'ee irra haa kaayanii; waan araara Leewwotaatiif mirgoo tokko ciincaa cubbu'uutiif; mirgoo lammeesso'oo ammo ciincaa ciincawuuf Rabbii dhiyeessi» jedheen. «Worra Leewwotaa Aaroonii fi ijoollee Aaroonii afoo dhaabsisi; kennaa Rabbii godhii isaan muudi; Ijoollee Israa'elii keessaa worri Leewwotaa kiyya haa ta'anii. Achiin maayessa worri Leewwotaa daasee wol gayi'ii keessatti hennaa hojjachu'uuf seenan kennaa gootee isaan dhiyeessita; isaan ijoollee Israa'elii keessaa bikka kaawwanii sirima anaaf waan fooyamaniif; ijoollee Israa'elii keessaa ka hangafa dhalate maruu ufiif waan taasifadheeruuf. Gaafa hangafa biyya Misirii maraa ajjeese ijoolleen Israa'elii hangaffan maruu nama ta'ee'e yookaan horii ufiif isaan waan woyyoomfadheef isaan kiyya. Bikka hangafa ijoollee Israa'elii maraa worra Leewwotaa ufiif fooyadheera. Ijoolleen Israa'elii hennaa balaan akka isaan irra hin geenne akka ijoollee Israa'eliitiif araara dhiyeessan hujii daasee wol gayi'ii keessa akka hojjataniif worra Leewwotaa ijoollee Israa'elii keessaa Aaroonii fi ijoollee Aarooniitii kennaa godhee isaan dhiyeesseera.» kanaaf Muusee, Aaroonii fi baniin Israa'elii maruu Leewwota akkuma Rabbi isaaniin jedhe woyyoomsan; akkuma Rabbi Muusee waan ijoollee Leewwotaatiif ajaje akkasuma isaanii godhan. Leewwonni cubbuu irraa hin woyyooman; uffata ufiillee hin miicatan; Aaroon kennaa Rabbii taasisee isaan dhiyeesse; Aaroon isaan woyyoomsee Rabbiin wolitti isaan araarse. Achiin maayessa Leewwonni daasee wol gayi'ii keessatti Aaroonii fi ijoollee Aaroonii afo'otti hojjachu'uuf seenan akkuma Rabbi waan Leewwotaatiif Muusee ajaje isaanillee akkasuma godhaniif. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Seerri worra Leewwotaa kana; namni woggaa diddamii shanii fi ka achii olii daasee wol gayi'ii keessatti hojjachu'uuf seenan. Woggaan isaanii yoo shantama guute, hujii ufii san hin dhiisan achiin maayessa womaa hin hojjatan. Achiin maayessa waan isaanitti kenname eegu'uuf obboleewwan ufii daasee wol gayi'ii keessatti gargaaran; hujii daasee wol gayi'ii hin hojjatan; akkasuma waan hujii isaaniitiif worra Leewwotaa irra goota» jedheen. Haga biyya Misiriitii bayan woggaa lammeesso'oo ji'a duraa gammoojjii Siina'aa keessatti Rabbi Muusee akkana jedhee itti dubbate; «Ijoolleen Israa'elii hennamatti ayyaana faasika'aa haa ayyaanteffatanii; Ji'a kana keessa guyyaa kudha arfeesso'ootitti galgala haa ayyaanteffatanii; waan seeraatii fi waan murti'ii maraa haa godhanii» Muuseen ijoolleen Israa'elii akka ayyaana Faasika'aa ayyaanteffatan isaanitti hime; isaanillee ji'a duraa guyyaa kudha arfeesso'oo galgala gammoojjii Siina'aatitti ayyaana faasika'aa ayyaanteffatan; ijoolleen Israa'elii akkuma Rabbi Muusee ajaje godhan. Garuu namoonni reeffa namaa tuqanii battaayan waan achi jiraniif guyyaa san ayyaana Faasika'aa hin ayyaanteffanne; guyyaa san gara Muuse'eetii fi gara Aaroonii dhaqan. Namoonni sunniinillee, «Ijoollee Israa'elii keessaa nu'u reeffa tundhee battoofneerra; garuu akka nu kennaa Rabbii hin dhiyeessine maaf nu dhooggan?» jedhaniin. Muuseenillee, «Rabbi waan keessan waan jedhu haga dhagayutti cadhisaa'a» isaaniin jedhe. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; isin keessaa yookaan hortee keessan keessaa namni reeffa tuqee yoo battaaye yookaan yoo imala fagoo deeme, innillee ayyaana Faasika'aa ka Rabbii haa ayyaanteffatuu. Ji'a lammeesso'oo guyyaa kudha arfeesso'oo galgala haa ayyaanteffatanii; xoroshoo baala hadhaayaa woliin haa nyaatanii; Waan nyaatan san keessaa haga boruutitti womaa akka hin hambifne lafee hin cabsinaa'a; waan seera ayyaana Faasika'aa maraa godhaa'a; Namni qulqulluun tokko ka imala hin dhandhe yoo ayyaana Faasika'aa hin ayyaanteffanne namni sun bani'iin adda bayee haa baduu; namni sun kennaa Rabbii henna'aan waan hin dhiyeessineef cubbamaa ta'a. «Namni isinitti gale tokko yoo isin keessa jiraate inni ayyaana Faasika'aa ka Rabbii yoo ayyaanteffachuu barbaade akka seeraa fi murtii ayyaana Faasika'aatitti haa ayyaanteffatuu; nama biyyaatii fi nama isinitti galeefillee seerri ayyaana Faasika'aa tokko isinii haa ta'uu» Guyyaa hulee bulti'ii dhaaban duumessi dhufee daasee raga'aa san golge galgalaa jalqabee haga ganamaa hulee bulti'ii ka dhaabame san irratti waan akka ibiddaa fakkaatutu jira; hennaa maraa guyyaa duumessaan, halkan ammo duumessi akka ibiddaatitti golga'aa ture. Hennaa duumessi daasee san irraa ka'u ijoolleen Israa'elii hin deeman ture; bakkuma duumessi itti dhaabate bulan ture. Ijoolleen Israa'elii ajaja Rabbiitiin deeman; ajaja Rabbiitiin quphatan ture; hennaa duumessi hulee bulti'ii irratti uwwifamu achuma turan; Hennaa duumessi hulee bulti'ii irra guyyaa hedduuf turu, ijoolleen Israa'elii ajaja Rabbii eeggatan malee hin deeman. Hennaa tokko tokko duumessi hulee bulti'ii irra guyyaa hagoo tura; hennaa san akka ajaja Rabbiititti hulema san turan; achiillee akkuma ajaja Rabbiititti deeman; Hennaa gari garii duumessi ganamaa haga galgalaa tura; ganama yoo duumessi ka'e hin deeman; guyya'aa fi galgalallee yoo duumessi ka'e hin deeman. Yoo duumessi guyyaa lamaa yookaan ji'a tokko yookaan woggaa tokko hulee bulti'ii irra ture ijoolleen Israa'elii hin deeman achuma taa'an; garuu yoo duumessi ka'e hin deeman. Akka ajaja Rabbiititti quphatan; akka ajaja Rabbiititti deemanille'e; akkuma Rabbi karaa Muuse'eetiin ajaje ajaja Rabbii eega'aa turan. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Banii wolitti qabu'uuf waan si gargaaru xurumbaa lama sibiila diimaa tumame irraa hojjadhu; xurumbaan lamaa kunniin ka ati bani'iin wolitti qabattee deemsiftuun haa ta'uu. Hennaa ati xurumbaa afuuftu baniin balbala daasee wol gayi'iititti wolitti haa qabamanii. Xurumbaan tokko yoo afuufamu bulchoonni gugurdaan worra Israa'elii si biratti wol haa gayanii. Hennaa isin xurumbaa guddiftanii afuuftan worri gara baya biiftu'uutitti quphatan haa deemanii. Yoo xurumbaa lammeesso'oo guddiftanii afuuftan worri gara bita'aatitti quphatan haa deemanii; akka isaan deemaniif xurumbaa afuuftan. Hennaa baniin wol gayu xurumbaa afuufaa'a garuu guddiftanii hin afuufinaa'a. Ijoolleen Aaroonii gadoonni xurumbaa haa afuufanii; xurumbaa afuufuun kunillee seera bara baraa ka ilmaan ilmaan isaanii haa ta'uu. «Diina lafa teessanii irratti hennaa duula itti baatan xurumbaa guddisa'aa afuufaa'a; hennaa san diina jalaallee isin oolcha. Akkasuma bara ayyaana gammachuu keessaniillee jalqaba ji'aa hennaa ciincaa ciincawuuf ciincaa fayyumma'aa dhiyeessitanillee ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef akka yaadanno'oof isinii ta'u xurumbaa afuufaa'a» jedheen. Woggaa lammeesso'oo ji'a lammeesso'oo keessa guyyaa diddameesso'ootitti duumessi hulee bulti'ii ka raga'aa irraa ka'e. Ijoolleen Israa'elii gammoojjii Siina'aatii ka'anii deemsa ufii deeman; duumessi deebi'ee gammoojjii furaaniititti dhaabate. Akkuma Rabbi Muuse'etti dubbate sanitti ijoolleen Israa'elii deemsa jalqaban. Jalqaba ijoollee Yihuuda'aatitu malkata adda isaan godhu qabatanii duula ufii woliin deeman; duula isaanii irratti Na'aasoonii ilma Aminaadaabiititu bulcha'aa ture. Gosa duula ijoollee Yisaakoorii ilma Sookarii Naatinaa'elitu bulcha ture. Duula gosa ijoollee Zaabiloonii ilma Keeloonii Eeliyaabitu bulcha. Kanaan maayessa hulee bulti'ii san hin buqqisan; worri daasee wol gayi'ii kana baadhatanii deeman ijoollee Geedisooniitii fi ijoollee Meeraariiti. Ijoolleen Roobeelii malkata adda isaan godhu qabatanii duula ufii woliin deeman; duula isaanii ka bulchu ilma Saadiyoorii Elsuuri; duula gosa ijoollee Simoonii ilma Suurshadaayii Salaami'eelitu bulcha ture. Duula gosa ijoollee Gaadii ilma Daa'u'eelii Alsaafitu bulcha'aa ture. Achiin maayessa worri gosa Qa'aatii mi'a woyyuu san baadhatanii deeman; haga kuuwwan dhufaniif hulee bulti'ii ijaaran. Ijoolleen Efreemiillee malkata adda isaan godhu qabatanii deeman; bulchaan duula sanii ilma Amihuudii Eelsaamaa ture. Duula gosa ijoollee Minaase'ee ka bulchu ilma Fiddaasuurii Gamaali'eel ture, duula worra ijoollee Biiniyaamii ka bulchu ilma Gaadiyoonii Abidaaniin ture. Worra deeman sanniiniin maayessa worri deeman ijoollee Daaniititu malkata adda isaan godhuu qabatanii duula isaanii woliin deeman; ka duula san bulchu ilma Amisaadaayii Aki'eezar ture; Bulchaan duula gosa ijoollee Aseerii ilma Ekiraamii Faagi'eel ture. Bulchaan duula gosa ijoollee Niftaalemii ilma Eenaanii Akiree ture. Ijoolleen Israa'eliillee akka kanaan duula ufii woliin deema'aa turan. Muuseen soddaa ufii nama Miidiyaamii ilma Raagu'eelii Obaabiin, «Koottu gara hulee Rabbi isinii kenna jedhee dhandhaa; Rabbi waan Israa'eliitiif waan mishaa waan dubbateef waan mishaa sii goonaa» jedheen. Inni «Ani hin deemu gara firaa fi biyya kiyyaa deema» jedheen. Innillee, «Yabo'oo biyya gammoojji'ii ka nu itti quphachu'uuf taanu situ beekaa akka ija keennaatitti nuu laaltaa nu biraa hin hafin. Yoo nu woliin deemte waan mishaa Rabbi nuu godhu maraa keessaa sii kennina» jedheen. Baniin gaara woyyuu biyya gammoojji'ii keessa jiru dhiisee deemsa guyyaa sadihii isaan firrisee deeme. Hennaa isaan achii deeman duumessi Rabbii guyya guyya'aan isaan golga'aa ture. Muuseen hennaa saandundhi waada'aa achii deeme «Yabo'oo ka'i diintonni teellee bittinnaayanii afoo keetii haa dheessanii» jedhee Rabbiin kadhate. Hennaa saanduundhi waada'aa sun hulee san gaye «Yabo'oo gara banii guddaa Israa'elii kana deebi'i» jedha'aa ture. Baniin badoomee Rabbitti gururi'e; Rabbillee dhagayee guddisee isaaniin lole; ibidda isaaniitti ergee ibiddi sun ganda cinaa gara tokkoo gubee balleesse. Baniinillee gara Muuse'ee iyyinaan Muuseen Rabbiin kadhate; ibiddillee hin dhaame. Waan ibiddi Rabbiin biraa isaanitti bobayeef maqaa hulee sanii «Taabeeraa » jedhame. Baniin adda addaa ka isaan jidduu jiru guddisanii kajeelan; ijoolleen Israa'elii ammo booyanii turan, «Foon nyaannu eentu nuu kennaa? Biyya Misiriititti akkanumaan qurxummii, baxihunii, baalqulaa'a, godarree, shunkurtii adi'ii fi diimaa nyaanna turre; amma ammo qoonqoon nu goddee mannaa malee ijji teenna womaa arga'aa hin jirtu» jedhan. Mannaan sun akka sanyii dimbilaalaati; bifti isaa ham'ee fakkaata ture. Baniin raasaa keessa naannaya'aa guuratan; dhaga'aan daakkatan; yookaan mooyye'etti tuman; xuwwee keessatti affeelatan; bixilee godhatan; mi'aan isaallee akka xoroshoo dhadha'aan sukkuumamee ture. Halkan hennaa fixeensi bu'u naannaya sanitti mannaanillee achitti bu'a. Muuseen baniin maruu hennaa balbala daase'eetitti booyan dhagaye; Rabbillee guddisee lole; Muuseenillee hin hucuucame. Muuseen Rabbiin akkana jedhe «Maaf garbicha kee irratti waan ulfaataa kana fidde? Maaf si afo'ottillee gaachena dhabe? Maaf ba'aa banii kana maraa na irra goote? Gara lafa abboota keennaa ati kakattee akka isaan geessu akka haati guddiftu daa'ima boba'atti qabattutti wonti ammadhu naan jettuuf banii kana natu ulfaayee dayee? Wonti na afo'otti booya'aa foon nuu kenni jedhaniif ani foon banii kana maraa kennu eessaa fuudha? ana guddisee natti ulfaateeraa; banii kana maraa ani baadhadhee hin danda'u. Ka waan akkanaa na irratti goote irra yoo si afo'otti gaachena argadhee jiraadhe, yabo'ootii rakkinna na irra gawu kana maraa akka hin argine sirima na ajjeesi» jedheen. Rabbi Muuse'een, «Banii Israa'elii keessaa jaarsota biyya bulchanii fi bulchoota hin ta'an jettee yaaddu namoota torbaatamaa wolitti naa qabi; gara daasee wol gayi'ii fidiitii uf bira dhaabsisi. Ani bu'ee si qaassa; Hafuura sii kenne irraa qoodee isaaniillee kenna; akka ati hojja kee hin baadhanne ba'aa kee isaanillee hin baadhatan. Bani'iin akkana jedhi, ‹Foon nyaannu eentu nuu kenna? biyya Misiriititti akka misha'atti turre jedha'aa booyicha isin boottan Rabbi waan dhagayeeruuf boruuf woyyoomaa'a; foonillee hin nyaattanii Rabbi foon isinii kenna. Guyyaa tokko yookaan guyyaa lama yookaan guyyaa shanii yookaan guyyaa kudhanii yookaan guyyaa diddamaa callaa hin nyaattan; Garuu Rabbii isin jidduu jiru waan tuffattaniif waan isaan maaf biyya Misiriitii nu baafte? jettanii boottaniif foon nyaattanii haga funyaaniin isin bawutti ji'a guutuu haga hifattanitti nyaattan› » jedhe. Muuseen Rabbiin, «Baniin na woliin jiru worri lukaan deeman namoota kuma dhibba jaha; ati foon ji'a guutuu isaan nyaatan isaanii kennaaf jetteerta; Foon isaan nyaatanii quufanii foon sangootaatii fi hoolotaa tokko qallaa? Qurxummii galaana keessaa maraa akka isaan quubsu wolitti qabnaafii? jedhe. Rabbi Muuse'een, «Harki Rabbii gabaaba'aa? amma dubbiin kiyya akka raawwatamuu fi akka hin raawwatamne atuu hin argita!» jedheen. Muuseenillee bayee waan Rabbi jedheen maraa bani'itti himee banii keessaa jaarsota torbaatamaa wolitti qabee naannaya daase'ee dhaabsise. Rabbi duumessa keessaan bu'ee ayyaana isa irra jiru fuudhee jaarsota torbaatamaa irra kaayee isaanillee haga hafuura san argataniin maayessa raaga dubbatan; achiin maayessa garuu deebi'anii raaga hin dubbanne. Isaan keessaa namoonni lamaa qe'etti hafan; maqaan namicha duraa Eldaadi, ka lammeesso'oo ammo Moodaadi; Hafuurri isaan irrattillee hin bu'e; isaan kun worra maqaan isaanii barreeffame woliin turan; gara daase'ee ammo hin seenne ture; uduma qe'ee jiran raaga dubbatan. Ka'imtichi tokko fiigee gara isaanii dhufee «Eldaadii fi Moodaadi qe'etti raaga dubbata'aaran jedhee Muuse'eeti hime. Ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun ka ijoollummaa irraa jalqabee tajaajilaa Muuse'ee ture, «Muusee gooftaa kiyya! akka isaan raaga hin dubbanne dhooggi» jedheen. Muuseen «Yoo baniin Rabbii maruu raagaa ta'e Rabbi Hafuura ufii isaan irratti yoo buuse ati anaaf hinaaftaa?!» Jedheen. Kanaan maayessa Muuseenillee jaarsota worra Israa'elii woliin gara qe'e'ee deebi'e. Qilleensi Rabbiin biraa bubbisee gootanaasisa lagaa yaasee qe'ee irraa haga deemsa fageenna guyyaa tokkoo irratti facaase; achitti baay'inni isaanii lafa irraa haga ciqilee lamaa ol tuulamee ture; Kanaafuu baniin maruu gaafasumaa halkaanii fi guyyaallee ka'anii gootanaasisa sanniin wolitti guuratan; isaan keessaa ka diqqoo wolitti qabe ka safartuu guddaa kudhanii gad ka wolitti qabe hin jiru; guuratanii naannaya qe'ee ufiititti badhisanii, uduu isaan foon afaan kaayatanii hin alanchine Rabbi isaaniin lolee banii san balaa gudda'aan dhaye. Worri foon san dharra'anillee waan achitti awwaalamaniif maqaan hulee sanii «Qeebroot Hattawwaa » jedhame. Baniin awwaala dharra'aa san biraa gara Hatseerootii deemanii achi jiraatan. Muuseen intala gosaa Itoophiya'aa takka waan fuudheef Maariyaamii fi Aaroon itti ka'an; Isaan, «Dhugamaan Rabbi Muusee calla'atti dubbatee? Nu keessaan hoo hin dubbannee?» Jedhaniin; Rabbillee kana dhagaye. Muuseen namoota biyya lafaa irra jiran maraa keessaa inni guddisee nama kasoo ture. Rabbi yoosuu Muusee, Aaroonii fi Maariyaamiin, «Isin sadiinuu gara daasee wol gayi'ii yaa'aa'a!» jedhee isaanitti dubbaate; sadiinuu gara daasee wol gayi'ii seenan. Rabbi utubaa duumessaatiin bu'ee balbala daase'ee dhaabatee, «Aaroon! Maariyaam!» jedhee waame; isaan lachuu gad bayan; Rabbi «Dubbii kiyya dhagayaa'a; yoo isin jidduu raanni jiraate ani Rabbi mudhataan isatti mudhadha; yookaan eebju'uun isa qaassa. Muusee garbicha kiyyatti garuu akkasitti itti hin dubbadhu; inni mana kiyya maraa keessatti amanama'a. Kanaafuu ani afaan kiyyaan addaataa itti dubbadha; fakkeennaanii miti; bifa Rabbiillee hin arga; garbicha kiyya Muuse'etti hennaa dubbattan maaf sodaachuu diddan ree?» Jedhe. Rabbi isaaniin lolee isaan biraa lixe. Duumessillee daasee irraa ka'e; achiin maayessa Maariyaam dhukkuba gogaa kukkutuun qabamtee akka barada'aa addaatte; Aaroon Maariyaamiin yoo laalu isiin dhibee gogaa kukkutuun qabamteerti. Aaroonillee Muuse'een «Gooftaa kiyya nu waan cubbuu hojjanneef yakkineerra ufii nutti hin murteessin. Akka Namicha hennaa garaa haadha ufii keessaa dhalatu qaamni isaa ka gara tokkoo nyaattame san isii hin taasisin. Muuseenillee gara Rabbii iyya'aa, «Yaa Rabbi! yabo'oo isii fayyisi» jedhe. Rabbi Muuse'een, «Yoma abbaan isi'ii hancufa itti tufellee guyyaa torba salphachu'utu isii barbaachisa; guyyaa torbaa qe'ee baatee fagaattee bakka tokkotti itti cufamee haa teettuu; achiin maayessa haa deebituu» jedhe. Achiin maayessa Maariyaam qe'e'een ala guyyaa torbaa itti cufamee teette; haga Maariyaam deebituuf baniin hin deemne achuma ta'e. Achiin maayessa baniin Hatseerootii ka'anii gammoojjii fuuraaniititti quphatan. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Lafa Kana'aanii ta ani ijoollee Israa'eliitii kennu dhaqanii akka laalan namoota gosa abboota maraa keessaa nama bulchaa ta'ee ergi» Muuseenillee akkuma ajaja Rabbiitiin gammoojjii fuuraaniitii isaan erge; isaan martinuu bulchoota ijoollee Israa'elii turan. Maqaan isaanii gosa Roobeelii keessaa ilma Zaakuurii Saamu'eel; gosa Simooniii keessaa ilma Suure'ee Saafaax; gosa Yihuuda'aa keessaa ilma Yoofoonii Kaaleeb; gosa Yisaakoorii keessaa ilma Yooseefii Yiigi'aal; gosa Efreemii keessaa ilma Nawwe'ee Awusee; gosa Yooseefii keessaa innillee gosa Minaase'ee keessaa ilma Suusii Gaad, gosa Daanii keessaa ilma Gamaalii Ami'eel; gosa Aseerii keessaa ilma Mikaa'elii Satuur; gosa Niftaalemii keessaa ilma Yaabii Naabi; gosa Gaadii keessaa ilma Maakii Gudi'eel. Namoonni Muuseen biyya Kana'aanii akka dhaqanii gaadaniif erge kanniin; Muuseen ilma Naawwe'ee Awusee «Iyyaasuu» jedhee maqaa isaa jijjiire. Muuseen akka biyya Kana'aanii gaadan gara bita'aa kanaan bayaa'a, gara gaarraniillee dhaqa'aatii lafti attam akka jirtu, namoonni isii irra jiraatanille jajjaboota yookaan dadhaboota; namoota hagoo yookaan heddu namoonni lafa san irra jiraatan mimmishaa yookaan babbadaa ta'uu isaanii, huleen isaan jiraatanillee goodda yookaan dirree dhooqa, qachaa ta'uu, Mukkiin lafa sanii fufurdaa yookaan qaqadhaa ta'uu, lafti biyya sanii gabbataa ta'uu dhaqa'aa laalaa'a daraaraa lafa sanii qabadha'aa as koottaa'a» hennaan sun garuu ji'a woyiniin gawu ture. Isaanillee deemanii biyya Kana'aanii gammoojjii Siinii ta qaccee lafa gammoojjii Hamaatii jirtu irraa jalqabee haga Ra'aabii gaadan. Gara bita'aatiin bayanii Keebrooniin gayan achitti ijoolleen «Eenaaqii» ka'imman Seesii fi Taalaam fa'atu jira; Keebroon Xaniyoosii biyya Misiriitiin dura woggaa torbaan dura ijaaramte turte. Gara dhooqa Eeshkoolii dhaqanii achii gaalee muka woyini'ii dheeraa tokko muranii namni lamaa loosaa keessa loosanii baadhatan; akkasuma muka daraaraa roomani'iitii fi daraaraa balasii irraallee muranii fidan. Ijoolleen Israa'elii hulee san irraa waan gaalee muraniif maqaa hulee sanii « Dhooqa Eeshkoolii» jedhanii itti baasan. Isaanillee lafa gaadanii guyyaa afurtamaan maayessa deebi'anii gara Muuse'eetii fi gara Aaroonii, worra gammoojjii faaraaniitii fi Qaadeesii jiranii gara banii Israa'elii deebi'an; waan dhaqanii argan sanniin maraa isaanii fi banii marattuu himan; daraaraa biyya sanii fuudhanillee isaanitti mudhisanii Muuse'een, «Gara biyya ati nu ergitee dhandhe; biyyi sun Aannanii fi damma baafti, daraaraan isi'iillee kana. Garuu baniin biyya san keessa jiraatan jajjaboota, qachaan isaaniillee ta kalo'oon kalamtee jabaatte ijoollee Eenaaqii achitti argine. Gara bita'aatiin worra Amaaleqiititu jiraata; gara gaarraniitiinillee worra Keexotaa, Iyyaabusootaatii fi worra Amoorotaatitu jiraata; worri Kana'aanotaallee isaan qarqara galaana Yoordaanosii biratti quphataniiran» jedhanii itti himan. Kaaleeb ammo banii Muusee afo'otti akka cadhisan godhee «Mooyachuu hin dandeenna baanee biyya san haa dhaalluu» jedhe. Namoonni isa woliin jiran garuu, «Baniin kun hunnaan waan nu caalaniif bawuu hin dandeennu» jedhanii dubbatan. Waan biyya dhaqanii gaadanii san oduu hin taane ijoollee Israa'eliititti himanii «Biyyi nu dhandhee laalle sun biyya nama isii keessa dhaqee jiraatu liqimsitu; namoonni dhandhee achitti argine dhedheera'a. Achitti ijoollee Eenaaqii ta gosa Neefliimii argine; nu'u isaan biratti yoo uf laallu akka Awwaannisaati ija isaanii afo'ottillee akkasuma turre» jedhan. Baniin Israa'elii maruu laagaa ufii ol qabatanii halkan san iyya'aa booyan; Ijoolleen Israa'elii maruu Muuse'ee fi Aaroonitti guguunguman baniin maruu «Maal biyya Misirii keessa uduu jirru uduu dhumannee, yookaan uduu hennaa biyya gammoojji'ii keessa jirru uduu duunee! Rabbi maaf akka guraade'een dhumannu gara biyya tanaa nu galche? ijoolleen teennaa fi dubartoonni teenna nu jalaa booji'amanii gara biyya Misirii deebi'uu nuu woyya» isaaniin jedhan. Kanaaf «Koottaa'a! bulchaa muudannee gara biyya Misirii dachaanaa!» woliin jedhan. Hennaa san Muuseenii fi Aaroon banii ijoollee Israa'elii afo'otti kallachaan gad kufan. Jarri worra biyya gaadan woliin turan ilmi Nawwe'ee Iyyaasuunii fi ilmi Yoofoonii Kaaleeb uffata uf irratti bibbiinxanii, Ijoollee Israa'elii maraan «Lafti dhandhee laallee deebine guddiftee michu'u; Rabbi yoo nu jaalate gara biyya aannanii fi damma baaftuu san nuu kennee achi nu galcha; isiillee nuu kenna. Isin garuu Rabbiin hin dhibinaa'a; nu namoota biyya sanii salphamatti isaan mooyannaa hin sodaatinaa'a; gaachenni isaan irraa mulqameera waan Rabbi nu woliin jiruuf isaan hin sodaatinaa'a» jedhan. Baniin garuu dhaga'aan isaan tumu'uuf isaanitti ka'anii mari'atan. Ulfinni Rabbiillee daasee wol gayi'ii keessatti mudhate. Rabbi Muuse'een, «Baniin kun haga yoomii na tuffata? Maalalee ani isaan afo'otti godhe maraa haga yoomii hin amanne? Ristii isaanii irraa dhukkubaan dhayee isaan fixa; si ammo banii isaan caaluu fi isaan irra jaba'aa sii kenna» jedheen. Muuseen ammo Rabbiin, «Waan ati godhu'uuf taatu kana worri Misirii yoo dhagaye, waan ati hunna keetiin nu jiddu'uu baafteef Waan kana namoota biyya lafaa marattuu himan ati Rabbi banii kana jidduu akka jirtu waan dhagayaniiraniif yabo'oo ati afoo isaaniititti mudhatteerta, duumessi ulfinnaallee isaan golgeera guyyaa'a utubaa duumessaatiin halkan ammo utubaa ibiddaatiin afoo isaanii deemta. Akka nama tokkootitti banii kana yoo ajjeefte, ormi biyya lafaa ka gurra kee dhagaye, ‹Rabbi banii kana gara biyya isaan itti galchu'uuf kakateefii isaan galchuu waan dadhabeef biyya gammoojji'ii keessatti isaan fixe› siin jedhan. banii kana guyyaa biyya Misirii keessaa baafte irraa jalqabee haga adhaa akkuma isaanii dhiifte yabo'oo akkuma guddinna araara keetiitiin cubbuu banii kanaa dhiisiif› jedhe. Rabbi, «Akkuma jecha keetiitiin isaanii araarameera; ani garuu jiraataa waan ta'eef dhugamaan ulfinni Rabbii lafa tana guuta. Baniin maalalee ani biyya Misiriitii fi lafa gammoojji'iititti hojjadhe, ulfinna kiyya worri argan maruu, harka kudhan waan na qoraniif Jecha kiyyallee waan hin dhageenneef dhugamaanuu lafa abbootii isaaniitii hin kenna jedhee isaanii kakadhe san ijaan hin argan; isaan keessaallee namni na tuffate maruu ijaan hin argu; Garbichi kiyya Kaaleeb garuu Hafuurri kiyya waan isa woliin jiruuf inni waan na duukaa deemeef lafa inni gale san isaa kenna; fiixaan isaa lafa san hin dhaala. Amaaleeqii worri Kana'aanotaa lafa dhooqaa keessa jiraatan; boru ganama deebi'aatii galaana diimaa biraan gara lafa gammoojji'ii dhaqaa'a» jedhee deebise. Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin akkana jedhe, «Banii badaa natti guguungumu kana ani haga yoomii isaanii obsa? Ani guguunguma ijoolleen Israa'elii natti guguungumtu dhagayeera. Ati akkana isaaniin jedhi, ‹Ani Rabbii jiraataa waan ta'eef akkuma isin gurra kiyya irratti dubbattan akkasuma isin irratti raawwadha› jedha Rabbi jedhee isaanitti dubbate. Reeffi keessanillee lafuma gammoojji'ii kanatti hafa; worri laakkayamtan maruu akkuma laakkobsa keessaniitiin namni woggaa diddamaatii fi ka achii olii maruu isin worri na irratti guguungumtan, ilma Yoofoonii Kaaleebii fi ilma Nawwe'ee Iyyaasuu malee gara biyya ani harka kiyyaan isinitti akeekee itti galtan jedhee isinii kakadhe sanitti dhugamaanuu hin galtan. Ijoollee teessan ta isin hin booji'aman jettan sanniintu itti gala; biyya isin tuffattan san isaanii kenna biyyi sun ristii isaanii taati. Reeffi keessan ammo lafa gammoojji'ii kanatti hafa. Ijoolleen teessan lafa gammoojji'ii keessa woggaa afurtamaaf jaljal jedhan waan isin amanuu diddaniif isin keessa hangafaa haga maandha'aa haga dhumatutti rakkata'aa lafa gammoojji'ii keessa jiraatan. Waan cubbuu keessaniitiif woggaa afurtamaa maraa rakkattan; akkuma biyyattii gaadu'uuf guyyaa afurtamaa teettan guyyaan tokko akka woggaa tokkoo isinitti ta'a; haga woggaa afurtamaa cubbuu keessan baattan lola kiyyallee hin beettan. Ani Rabbi banii badaa narratti ka'u'uuf wol gaye kana maraa akkuma waan badaa isaan irratti godha jedhee dubbadhe lafa gammoojji'ii kanatti dhuman› » isaaniin jedhe. Namoonni akka lafa gaadaniif Muuseen isaan ergee achii deebi'anii oduu badaa biyyattii sanii dubbata'aa akka baniin maruu Muuse'etti guguunguman godhan. Namoonni oduu badaa dubbatan sunniin bala'aan Rabbiin afo'otti qoomto'oon dhuman. Garuu namoota lafa gaadu'uuf deeman keessaa ilmi Nawwe'ee Iyyaasuunii fi ilmi Yoofoonii Kaaleeb lubbu'uun jiraatan. Muuseen waan kana maraa ijoollee Israa'eliititti hime; baniinillee guddisee gadde. Bariisaa ka'anii gaara gubba'atti ol bayanii «Nu kunoo dhufnee gara hulee Rabbi jiruu dhandhaa» jedhan. Muuseen, «Ajaja Rabbii maaf diiddan? Kun isin hin fayyadu. Rabbi waan isin jidduu hin jirreef diina keessan afo'otti akka hin kufne hin bayinaa'a. Worri Amaaleeqiitii fi worri Kana'aanii waan isin afoo jiraniif guraade'een isin fixan Rabbiin woliin jiraachuu waan dhiiftaniif Rabbi isin woliin hin ta'u» Isaan garuu wol gayii gaara irra bayan jechi Rabbii saanduundhi waada'aatii fi Muuseen qe'e'ee hin kaane. Achiin maayessa worri Amaaleqiitii fi worri Kana'aanii dhufanii isaan dhayanii haga biyya Heerma'aa isaan ari'an. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; ‹Hennaa gara biyya ani isinii kennuu galtan, fedha keessaniin woreega kennu'uuf waadaa galtan yookaan hennaa ayyaana ayyaanteffattan, ciincaa urgaayaa Rabbii dhiyeessu'uuf sangaa, yookaan hoolota keessaa ciincaa ciincawuuf, yookaan kennaa ibiddaan ciincawu, Ciincaa ciincawuuf yookaan ciincaa biraatiif yookaan woreega kennu'uuf waadaa galtan yookaan ciincaa fayyumma'aatiif yoo jibicha Rabbii qopheessite jibicha woliin kennaa midhaanii wodhakkaa ka dhadha'aan sukkuumame daakuu mishaa iinii wodhakkaa kudhan keessaa ganaa sadihii Rabbii dhiyeessa. Kennaan kunillee daadhii woyini'ii liitirii lamaa woliin dhiyaata; ciincaan ibiddaan dhiyaatu kunillee ka urgaan isaa Rabbiin gammachiisu ta'a. «Ciincaa jibichaa maraafuu yookaan korbeeyyii hoola'aatii fi yookaan korbeettii re'e'eetiifillee akkasuma godhaa'a. Akkuma laakkobsa waan ciinca'aa qopheessitaniititti akkasuma maraafuu gootan. Namni biyyaa maruu hennaa kennaa ciincaa urgaayaa Rabbii dhiyeessu, innillee akkasuma godha. Namni isinitti gale ka isin woliin jiraatu yookaan fiixaa keessan keessaa eennullee yoo isin woliin jiraate kennaa mishaa urgaayaa Rabbiif ta'u yoo dhiyeessu woma isin gootan innillee godha. Isin nama biyyaatii fi nama isinitti galeellee tokkoma. Seerri kun baraa haga bara baraa seera ilmaan ilmaan teessanii ta'a; isinii fi worra isinitti galeellee, nama isin keessa taa'uufillee seerrinii fi murtiin tokkoma» jedheen. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; hennaa gara lafa ani isinii kennee galtan, hennaa midhaan biyya sanii galfattanii nyaattan seera waan nyaattan irraa fuutanii Rabbii dhiyeessitanii ayyaanteffattan. Wonti dura ciincaa dhiyeessitan, bukoo bukeeffattan keessaa bixilee tokko kennaa Rabbii ta'u dhiyeessitan midhaan obdi'ii keessaallee kennaa Rabbiif ta'u dhiyeessitan. Bukoon bukeessitan ka duraa kennaa Rabbiif ta'u ilmaan ilmaan teessanii woliin Rabbii dhiyeessitan. «Yoo dogoggortan ajaja Rabbi Muusee ajaje kanniin maraa yoo raawwachuu baattan; guyyaa Rabbi Muusee ajaje irraa jalqabee duranaallee haga ilmaan ilmaan teessanii waan Rabbi Muusee ajaje maraa yoo raawwachuu baattan. Uduu baniin hin beenne yoo dogoggoraan raawwatame baniin maruu ciincaa ciincawuuf kennaa midhaaniitii fi kennaa waan dhuganii woliin akka ciincaa urgaayaa Rabbii ta'u jibicha tokkoo fi korbeessa re'e'ee ciincaa cubbu'uutiif dhiyeessan. Gadichillee ijoollee Israa'elii maraaf araara godha; waan dogoggora ta'eef hin araaramaaf; isaan waan dogoggora isaaniitiif ciincaa ibiddaan ciincawu waan Rabbii dhiyeessaniif; waan ciincaa cubbu'uutiif Rabbii dhiyeessaniiran. Wollaalaan banii maraa birattuu waan raawwatameef ijoollee Israa'elii maraaf, worra isaanitti galee isaan keessa jiraatu maraafuu isaanii araarama. «Namni tokko uduu hin beekin yoo cubbuu hojjate sababaa cubbu'uutiif goromtii re'e'ee ta woggaa tokkoo haa dhiyeessuu. Nama cubbuu hojjatee hin beenne, ka amma uduu hin beenne cubbuu hojjatee gadichi Rabbiin wolitti araarsa; isaallee hin araaramaaf. Horteen ijoollee Israa'elii worra isaanitti galee isaan keessa jiraatu maraafuu namni tokko uduu hin beekin yoo cubbuu hojjate seerri araaraa tokkoma. «Nama biyyaa ta'ee'e nama isinitti galee isin keessa jiraatullee yoo ta'e namni isinitti galee isin keessa jiraatu tokko yoo uf jaju'uun cubbuu hojjate waan Rabbiin yakkeef namni sun banii jiddu'uu bayee haa baduu. Namni sun dubbii Rabbii waan tuffateef ajaja isaallee waan diigeef inni sirima haa baduu; inni cubbama'a.» Ijoolleen Israa'elii uduu lafa gammoojji'ii jiran, namni tokko Sambataan uduu qoraan guuru arganii qabanii Muusee, Aaroonii fi gara banii maraa fidan. Waan isa irratti godhan waan hin beenneef gara mana hidha'aa fidan. Achiin maayessa Rabbi Muuse'een «Namicha ajjeesaa'a; akkasuma namicha qe'e'een ala baasanii namni maruu dhaga'aan dhayee haa ajjeesuu» jedheen. Kanaaf baniin maruu akkuma Rabbi Muusee ajaje dhaga'aan tumanii ajjeesan. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; ‹Isaaniif horteen isaanii maruu qaccee uffata isaanii irratti fooyaa jirbi'ii bulee akka handaara qaccee uffata isaanii maraa irratti godhatan isaan ajaji. Ajaja Rabbii maraa akka yaadattanii fi akka isa hordoftan fedha onnee keessaniitiif waan ijaan argitan hordoftanii akka hin seebarre, ajaja kiyya maraa akka yaadattanii fi akka raawwattan, Rabbii keessaniif woyyoota akka taatan, wonti isin handaara uffata keessanii irratti gootan sun akka mudhatu godhaa'a. Ani Rabbi Waaqa keessan ka biyya Misiriitii isin baase› » jedheen. Ilmi Leewwi'ii, ilmi Qa'aatii, ilmi Yis'aarii Qoree, ijoollee Eeliyaabii Daataan, Aberoonii fi ilmi Faaleetii Oon Muuse'etti ka'an. Ijoollee Israa'elii keessaa namoonni dhibbi lamaa fi shantamaa isaan gargaaran; bulchoonni banii keessaa filataman worri gurra dhagayatan achi turan; Muuse'ee fi Aarooniin biratti wal gayanii «Baniin maruu woyyu'u; Rabbi isaan jidduu jira; isin maaf banii Rabbiititti uf jajjan?› » Jedhan. Muuseen haga waan kana dhagaye kallachaan kufee kadhate; Qore'ee fi gosa isaa marattuu «Boru Rabbi nama isaaf fooyame, woyyuunillee ennuun akka ta'e nutti beessisa; nama filatamellee gara ufii dhiyeessa. Qoreenii fi gofti isaa maruu akkana godhaa'a; girgiraa hixaanaa keessan fuudhaa'a; boru Rabbiin afo'otti hixaana ibiddatti buusaa'a; achiin maayessa namni Rabbi filate woyyuu ta'a; isin ijoolleen Leewwi'ii guddiftanii bira dabarsitaniirtan» isaaniin jedhe. Muuseen Qore'een akkana jedhe, «Isin ijoolleen Leewwi'ii dhagayaa'a! isin worri Rabbi banii Israa'elii keessaa isin filate mana woyyuu Rabbii akka ijaartanii fi akka hojjatan, banii afoo akka dhaabattanii fi ka Rabbi gara ufii isin dhiyeesse isin hin gawuu? Si'ii fi ijoollee Leewwi'ii obboleeyyan tee maraa gara ufii isaan dhiyeesseera; akkasuma gadootallee ta'uu hin barbaaddanii? kanaafuu atii fi worri kee maruu Rabbitti ka'u'uuf wol taataniirtan; wonti isin Aarooniin irratti guguungumtaniif inni eennu?» Kanaan maayessa Muuseen ijoollee Eeliyaabii Daataanii fi Aberooniin akka waaman erge; isaan garuu, «Hin dhufnu» jedhan; lafa gammoojji'ii keessatti nu fixu'uuf ka biyya dammaa fi aannan baaftuu nu baafte si hin gayuu? Deebitee nu irratti uf moosiftaa? ati lafa biyya dammaa fi aannan baaftutti nu hin galchine maasa'aa fi woyinii nu hin dhaalchifne; ati nu sobuu barbaadda; eeganaa nu gara kee hin dhufnu» jedhan. Muuseen guddisee aaree Rabbiin, «Gara kennaa isaanii hin laalin; ani isaan irraa harree takkattiillee hin fudhanne; isaan keessaallee nama tokkollee hin miine» jedhe. Muuseen Qore'een, «Boru atii fi worri kee maruu Aaroonillee Rabbiin afo'otti wol gayaa'a. Isin maruu girgiraa keessan fuudhaa hixaana itti buusaa'a; isin maruu girgiraa keessan Rabbiin afoo girgiraa dhibba lamaa fi shantamaa fidaa'a atii fi Aaroonillee girgiraa keessaa fidaa'a» jedhe. Kanaafuu isaan maruu girgiraa ufii fudhatanii ibiddaa fi hixaana itti buusanii Muuse'ee fi Aarooniin woliin balbala daasee wol gayi'ii afoo dhaabatan. Qoreenillee banii maraa gara balbala daasee wol gayi'ii isaan biratti wolitti qabe; ulfinni Rabbii banii san marattuu hin mudhate. Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin, «Mara isaaniituu haga limsuu ijaa keessatti isaan balleessa; banii kana jiddu'uu baya'aa achi siiqaa'a» jedhe. Isaanillee kallacha ufiitiin gadi kufanii «Yaa Rabbi ati uumaa lubbuu nama maraati; namni tokkochi yoo cubbuu hojjate, ati banii maraanuu loltaa?» Jedhan. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Bani'iin, naannaya hulee bulti'i ka Qore'ee, ka Daataaniitii fi ka Aberoonii irraa siiqaa'a› jedhii isaanitti himi» jedheen. Kanaan maayessa Muuseenillee ka'ee gara Daataanii fi Aberoonii dhaqe; jaarsonni Israa'eliillee isa faanaa deeman; bani'iin «Yabo'ootii daasee worra haammeeyyi'ii kana irraa siiqaa'a; isin cubbuu isaaniitiin akka hin banne waan isaanii maraa hin tuqinaa'a» jedhee isaanitti hime. Naannaya Qoree, Daataanii fi Aberooniitii siiqaa'a; Daataanii fi Aberoon, dubartoonni, ijoolleenii fi daa'imman isaanii bayanii balbala daase'ee afoo dhaabatan. Hennaa san Muuseen bani'iin, «Hujii kana maraa akka hojjadhuuf akka Rabbi na erge akka onnee kiyyaa hin taane kanaan beettan. Namoonni kunniin uduu hin adabamne du'a eennullee du'u yookaan yoo akkuma namoota kaawwanii hin qoomamin Rabbi na hin ergine. Garuu Rabbi waan haarawa godhee lafti afaan bantee isaanii fi waan isaan qaban maraa yoo liqimsite uduma lubbu'uun jiran gara ibidda asaabaa bu'an; yoo san namoonni kunniin akka Rabbiin tuffatan beettan» jedheen. Haga inni waan kana dubbatee raawwate lafti baqaxxee, afaan bantee isaanii fi maatii isaanii waan namoonni Qore'ee qaban maraa mi'a isaanii maraa liqimsite. Isaanii fi wonti isaan qaban maruu uduma lubbu'uun jiran gara ibidda asaabaa bu'an; laftillee isaan liqimsitee isaan irratti cufamte; isaan akka kanaan banii keessaa hennaa san fooyamanii badan. Ijoolleen Israa'elii ka naannoo san jiran maruu sababaa isaan guddisanii iyyaniif lafti akka nu hin liqimsine jedhanii hulee sanii dheessan» Kanaan maayessa ibiddi Rabbiin biraa bu'ee namoota dhibba lamaa fi shantamaa worra hixaana aarsan fixe. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ilma Aaroonii gadichaa Alaazaritti akkana jedhii himi; «Girgiraan hixaanaa waan woyyuu ta'eef girgiraa worra gubatee fuudhii raasa'atti jissi; girgiraa namoota cubbu'uun badanii san butuchii baxxeessiitii hulee ciincaa itti dhiyeessan irratti maxxansi; waan isaan Rabbiin afo'otti dhiyeessaniif woyyu'u; kun ijoollee Israa'eliitiifilllee malkata ta'a» Kanaaf gadichi Alaazar girgiraa sibiila diimaa irraa hojjatame ka namoonni gubatan sunniin dhiyeessan fuudhee tumee baxxeessee hulee ciinca'aatitti maxxanse. Hulee Qoreenii fi worri isaa gaye akka hin geenne ijoollee Aarooniitii achi namni biraa ciincaa Rabbii dhiyeessu'uuf akka hin dhiyaanne akkuma Rabbi Muuse'etti hime ijoollee Israa'eliitiif yaadannoo godhe. Achiin maayessa haga lafti bariitee «Baniin ijoollee Israa'elii maruu isin banii Rabbii fixxaniirtan» jedhaanii Muuse'ee fi Aaroonitti guguunguman. Hennaa baniin Muuse'ee fi Aarooniin biratti wol gayanii gara daasee wol gayi'ii laalan, duumessi ulfinnaa dhufee isaan golge ulfinni Rabbiillee hin mudhate. Muuse'ee fi Aaroon gara daasee wol gayi'ii dhufan; Rabbi Muuse'een, «Banii kana jiddu'uu baya'aa achi siiqaa'a; amma haga limsuu ijaatitti isaan balleessaa» jedhe. Isaan ammo kallachaan gad kufan. Muuseen Aarooniin, «Dafii girgiraa fuudhi! jedheen; hulee ciinca'aa irraa ibidda fuudhii hixaana itti buusi; daddafii gara bani'ii fidiitii isaanii araarsi! waan Rabbi aaree balaan bu'aaruuf» jedheen. Aaroonillee akkuma Muuseen itti hime girgiraa hixaanaa fuudhee banii jidduu fiige; henna inni banii keessa seenu balaan jalqabameera; inni girgira'atti hixaana buusee bani'ii araarse. Inni worra jiruu fi worra du'an jidduu dhaabannaan balaan hin dhaabate; Sababaa Qore'eetiin worra du'aniin alatti worri balaa maayessaatiin dhuman namoota kuma kudha afurii fi dhibba torba turan. Haga balaan dhaabate Aaroon gara balbala daasee wol gayi'ii afoo gara Muuse'ee deebi'e. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; mana isaaniitii fi manniin abboota isaatii ulee tokko tokko, manniin bulchoota isaaniitii uleewwan kudha lamaa fuudhii uleewwan maraa irrattuu maqaa isaanii barreessi. Ulee maqaa gosa Leewwi'iitiin dhiyaate san irratti maqaa Aaroonii barreessi; Hulee ani isin biratti argamutti daasee wol gayi'ii keessa saanduuqa raga'aa afoo kaayi; Uleen nama ani filadhee hin lalifti; namoota isinitti guguungumu ijoollee Israa'elii jiddu'uu balleessa» Kanaaf Muuseen ijoollee Israa'eliititti himnaan bulchoonni isaanii maruu uleewwan kudha lamaa bulchaan maruu akka mana abbaa isaatiin ulee tokko tokko itti kennan; uleen Aarooniillee ulee isaanii jidduu jirti. Muuseen akka kanaan ulee maraa daasee wol gayi'ii ka raga'aa afoo kaaye. Achiin maayessa haga lafti bariite Muuseen gara daasee wol gayi'ii yoo seenu uleen Aaroonii ta gosa Leewwi'iitiin dhiyaatte laliftee daraartee lawuzii bilchaate baatte. Muuseen ulee sanniin maraa Rabbiin afo'oo gara ijoollee Israa'elii maraa gad baase; isaanillee laalanii ulee ufii maraa fudhatan. Rabbi Muuse'een, «Isaanillee ulee Aaroonii arganii gara daasee wol gayi'ii deebi'anii akka isaan natti guguungumanii hin duune namoota natti ka'an maraa malkata taatee haa eeggamtuu» jedhe. Muuseenillee akkuma Rabbi isa ajaje godhe. Ijoolleen Israa'elii «Muuseen yoo akkana ta'e nu martinuu duunee banna! «Namni gara daasee wol gayi'ii ka Rabbiititti dhiyaatu maruu hin du'a; dhugamaan nu maruu hin dhumnaa?» jedhanii dubbatan. Rabbi Aarooniin akkana jedhe, «Ati ijoolleen teetii fi horteen mana abboota teetii si woliin mana woyyuu ka hujiin keessatti raawwatamu isintu itti gaafatama; waan cubbu'uutiif ammo si'ii fi ijoollee teetitu itti gaafatama. Akkasuma obboleewwan gosa Leewwi'ii ta abboota keetii dhiyeessi; si woliin ta'anii sii haa hojjatanii; ati ammo ijoollee tee woliin daasee raga'aa afoo taatan. Isaan ajaja keetii fi hujii daasee wol gayi'ii maraa haa eeganii; garuu isaan akka hin duune; isinillee akka isaan woliin hin duune, isaan gara mi'a mana woyyu'uutii fi gara hulee ciinca'aa akka hin dhiyaanne. Isaan garuu isinuma woliin haa jiraatanii; hujii daasee wol gayi'ii maraa haa eeganii; namni biraa gara keessan akka hin dhiyaanne. Ammallee lolli ijoollee Israa'elii irratti akka hin dhufne isin mana woyyu'uu fi hulee ciinca'aa eegaa'a. Ani kunoo obboleeyyan teessan worra Leewwotaa ijoollee Israa'elii jiddu'uu fudhadheeraa isaan hujii daasee wol gayi'ii keessatti akka hojjataniif isaan kennaa Rabbi isinii kenne. Garuu atii fi ijoolleen teellee hujii hulee ciinca'aa irratti hojjatamu maraa waan golga keessatti hojjatamu akka raawattan gadummaa keessan eega'aa hojjadhaa'a; gadummaan kennaa huji'iif isinii kenne; namni biraa ka gadaa hin taane yoo dhiyaate hin du'a» jedheen. Kanaan maayessa Rabbi Aarooniin, «Kunoo kennaa ijoolleen Israa'elii anaaf adda baasan maraa sii kenneera; waan muudamuu keetiitii fi ijoollee teetii seera baraa hagaa bara baraa isinii ta'u isinii kenneera. Wonti ibidda irratti dhiyaatu ka woyyoome kee ta'a; kennaan isaan naa dhiyeessan kennaa midhaanii ka ciincaa waan cubbu'uutiif ciincessan; ciincaan waan yakkaatiif ciincessan maruu si'ii fi ijoollee teetiifillee ka woyyoome ta'a. Hulee woyyu'utti nyaadhu; dhiirti maruu haa nyaatanii; woyyuu sii ta'aa. «Kennaan kunillee keeti; kennaan kunniin kennaa kee kennaa ijoollee tee ta dhiiraatii fi ta intalaatii baraa haga bara baraa kenneera. Namni mana keetii ka woyyuu ta'e maruu haa nyaatuu. «Daraaraan Rabbiif kennamu ka duraa dhadhaa'a; woyinii irraa, kennaa midhaanii keessaallee ka filatame maraa sii kenneera. Daraaraan lafaa ka isaan Rabbii fidan daraaraan duraa kee ta'a; namni kee ka woyyuu ta'e maruu haa nyaatuu. «Wonti Israa'eliin keessatti anaaf fooyame maruu kee ta'a. Nama yookaan horiillee yoo ta'e waan Rabbii dhiyeessan maraa keessaa wonti hangafa dhalatu maruu kee ta'a; garuu nama hangafa dhalate hin furta; busaawaa hin woyyoomne ka hangafa dhalatellee hin furta. Nama dhalatee ji'a tokkoo olii akkuma ufii bikkitetti furtaan; bikkillee akka bikka mana woyyuu Rabbiititti geeraa diddamaa saqilii shanii isaanii kaffalamee isaan furuu hin danda'an. Garuu ka horiin dura dhale yookaan ka hoolaan dura dhalte yookaan ka re'een dura dhalte woyyuu waan ta'aniif hin furtu; dhiiga isaanii hulee ciinca'aa irratti facaafta; cooma isaaniillee akka ciincaa urgaayaa Rabbii ta'u ibidda irratti ciincessita; foon isaanii ammo kee ta'a. Handaraafni sochoofamu, irreen harka mirgaallee kee ta'a. «Wonti ijoolleen Israa'elii waan woyyoome fuutee Rabbii dhiyeessitu maruu si'ii fi worra si woliin jiru, ijoollee tee ta dhiiraatii fi ta intalaatii gayee baraa haga bara baraa isinii kenneera; kunillee waadaa ani sii fi fiixaa kee maraaf galu; waadaa sooqiddaa ka baraa haga bara baraa hin diiggamne» jedheen. Rabbi Aarooniin akkana jedhe, «Ati lafa isaanii keessatti ristii hin argattu; ristiin keetii fi gayeen kee ana. «Ijoollee Leewwi'iitiifillee isaan waan daasee wol gayi'ii keessatti hojjataniif kurneessoo ijoolleen Israa'elii kennitu akka risti'iititti isaanii kenneera. Ammaa achi ijoolleen Israa'elii cubbu'uun akka hin duune gara daasee wol gayi'ii akka hin dhiyaanne. Worri Leewwotaa ammo daasee wol gayi'ii keessatti haa hojjatanii; isaan cubbuu kaawwanii baadhachuun isaanii ka baraa haga bara baraa ta'a; isaan ijoollee Israa'elii keessatti ristii hin argatan. Kennaa ijoolleen Israa'elii Rabbii kennitu kurneessoo; worra Leewwotaatiif ristii godhee kenneera; kanaaf isaan ijoollee Israa'elii jiddu'utti ristii dhaalaa hin argatan» jedhe. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Leewwotatti akkana jedhii himi; ‹Kennaa ijoolleen Israa'elii isinii kennite hennaa fudhattan kennaa ciinca'aatii fi kurneessoo argattan san keessaa isinillee kurneessoo baaftan. Kennaan isin dhiyeessitanillee akka kennaa namni tokko midhaanii fi oobdii keessaa cuunfaa woyini'ii kennuutitti isinii laakkayama. Akkasuma isinillee kurneessoo ijoollee Israa'elii irraa argattan maraa irraa Rabbii kennitan kennaa dhiyeessitan san gadicha Aaroonii kennitan. Kennaa filatamee fi woyyoome ka argattan san maraa Rabbii kennitan. Kanaafuu akkana isaaniin jetta, hennaa ka filatame san Rabbii kennu'uuf dhiyeessitan akka sanyii midhaan oobdi'iitii fi akka cuunfaa woyini'iititti worra Leewwotaatii laakkayama. Isinii fi maatiin keessanillee waan gatii hujii keessan ka daasee keessatti tajaajiltan ta'eef hulee marattuu hin nyaattan. Waan filatamaa haga Rabbii dhiyeessitaniin maayessa ka hafe yoo nyaattan cubbuu isinitti hin ta'u; garuu waan filatame uduu Rabbii irraa hin kennine waan ijoollee Israa'elii ka woyyoome hin batteessinaa'a› » jedhe. Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin akkana jedhe, «Seerri Rabbi ajaje kana; raada arrawa mudaa hin qabne ta qola'aan hin qabamne michuu akka sii fidan ijoollee Israa'eliititti himi. Raada san fuutanii Alaazarii gadichatti kennitan; innillee gara raasa'aa isii baasee nama tokko goorraasisa; Alaazar gadichi dhiiga raada sanii qubaan tuqa'aa hennaa torbaa balbala daasee wol gayi'ii afo'otti facaasa; foon raada sanii afoo isaatitti ciincessan; gogaa, foon, dhiigaa fi cumaa isi'iillee hin guban; gadichi muka birbirsaa, muka hisoophi'ii, muka diimaa dhiilgee fuudhee ibidda foon raada sanii ka gubata'aaru sanitti haa darbuu; kanaan maayessa gadichi uffata ufii hin miicata; nafa ufii dhiqatee gara qe'e'ee deebi'a; inni haga galgalaa battii ta'a. Namni foon raada sanii gubellee uffata ufii bisaaniin miicata; nafa ufiillee bisaaniin dhiqata; inni haga galgalaatitti battaaya'a. Namni woyyuun daaraa raadattii gubattee san wolitti qabee qe'e'een ala baasee hulee mishaa kaaya; bisaan worri Israa'elii battummaa irraa woyyoomsu'uuf achitti qopheessan; waan namoonni ittiin woyyoomaniif. Namni daaraa raada sanii wolitti qabe uffata ufii hin miicata; inni haga galgalaatitti batti'i; seerri kun ijoollee Israa'eliitii fi worra isaanitti galee isaan keessa jiraatuufillee seera bara baraa ta'a. «Namni reeffa nama du'ee tuqe haga guyyaa torbaa battaaya'a; bisaanuma kanaan guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo nafa ufii haa woyyoomsuu; achiin maayessa hin woyyooma; garuu guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'ootitti yoo nafa ufii woyyoomfachuu baate woyyuu hin ta'u. Namni reeffa nama du'ee tuqe yoo nafa ufii woyyoomfachuu baate inni hulee daasee bulti'ii batteessa; namni sun banii Israa'elii keessaa fooyamee haa baduu; bisaan isa woyyoomsu waan isa irratti hin facaaneef battummaan waan isa irra jiruuf inni battaaya'a. «Seerri nama daasee wol gayi'ii keessatti du'ee kana; namni daasee wol gayi'ii keessa seenuu fi ka achi keessa jirullee haga guyyaa torbaa hin baattaaya. Miini qadaada hin qabne maruu hin battaaya. Ka raasa'atti guraade'een ajjeefame, ka reeffa tuqe, ka lafee nama du'ee tuqee fi ka awwaala tuqe haga guyyaa torbaa hin battaaya. «Daaraa raada gubattee ta cubbuu'uun woyyoomsu'uuf kaayanii nama battaaye sanitti fidanii meeshaa bisaan burqaa keessa jirutti makan. Namni woyyoome hisoophii fuudhee bisaan irratti cuupha; meeshaa daasee keessa jiru maraa namoota hulee san jiran ka lafee yookaan waan du'ee fi worra awwaala tuqee irratti facaasa. Guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'ootitti namni sirri'itti woyyoome nama hin woyyoomne irratti bisaan facaasa; nafa ufiitii fi uffata ufiillee hin miicata; galgala qulqulluu ta'a. «Namni seeraan hin qulqulloofnee fi ka uf hin qulqulleessine bisaan qulqullumma'aaf kaayame sun waan itti hin facaaneef inni hin battaaya; namni akkasii sun mana woyyuu waan batteesseef banii jiddu'uu fooyamee haa baduu; waan battaayeeruuf. Kun seera bara baraa isinii haa ta'uu; namni bisaan qulqulleessan nama irratti facaasu uffata ufii hin miicata; namni bisaan qulqulluu san tuqe haga galgalaa battii ta'a. Ka wonti battiin sun tuqe maruu battii ta'a; namni battii san tuqullee hin battaaya» jedheen. Baniin ijoollee Israa'elii maruu ji'a jalqabaa gara biyya gammoojjii Siinii dhufanii Qaadeesiin keessa taa'an; Maariyaamillee achitti duutee achummatti awwalaniin. Baniin waan bisaan dhabeef Muusee fi Arooniin biratti wol gayanii, akkana jedha'aa isaanitti guguunguman «Uduu hennaa obboleewwan teenna Rabbiin afo'otti dhuman san maal nullee uduu yoo san duunee jedhan. Nu'uu fi horiin keennallee akka dhumnuuf banii Rabbii kana gara biyya gammoojji'ii kana maaf nu fiddan? Hulee hamaa kana nu fidu'uuf maaf biyya Misiriitii nu baaftan? biyyi kun midhaan, balasii, muka woyini'iitii fi roomaanii hin qabnee fi bisaan dhuganillee hin qabuu» jedhan. Muuse'ee fi Aaroon gara balbala daasee wol gayi'ii dhaqanii kallachaan gad kufanii ulfinni Rabbiillee isaanitti mudhate. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ulee tee fudhadhuu atii fi obboleessi kee Aaroon banii wolitti qabaa'a; dhagaan akka bisaan baasu uduu isaan laalan itti dubbadhaa'a; ati dhagaa keessaa bisaan baaftee isaanii fi horii isaaniillee obbaafta» Muuseenillee akkuma Rabbi isa ajaje ulee daasee keessaa fudhate. Muuse'ee fi Aaroon dhagaa biratti banii wolitti qabanii «Isin worra nama dhibu dhagayaa'a! nu dhugamaan dhagaa kana keessaa bisaan isinii baafnaa?» isiniin jedhan. Kanaan maayessa Muuseen harka ol fudhatee hennaa lama ule'een dhagaa dhayee bisaan baay'een bayee baniin fi horiin isaaniillee dhugan; Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin «Isin banii Israa'elii jiddu'utti waan natti amantanii ana hin woyyoomsineef banii kana qabattanii gara biyya ani isinii kennee hin galtan» isaaniin jedhe. Kun hulee ijoolleen Israa'elii Rabbiin itti wol lolanii fi hulee Rabbi woyyummaa ufii itti mudhise ka bisaan mariiba'aati. Muuseen biyya Qaadeesiitii gara mootii Edomiyaasii dhaamsa ergee, «Obboleessi kee Israa'el akkana siin jedha; rakkoo nu irra gaye atuu hin beetta; abboonni teenna gara biyya Misirii gad bu'anii biyya Misirii keessa woggaa dheeraa jiraanne; worri biyya Misirii nu'uu fi abboota teennallee hin yakkan. Hennaa nu gara Rabbii iyyine innillee rakkinna keenna dhagayee Maleekkaa ergee biyya Misiriitii nu baasee kunoo amma gara daangaa qachaa Qaadeesiin jirtuu dhufnee teenneerra. Yabo'ootii biyya tee keessaa gara maasaa midhaaniitii fi gara maasaa woyini'iillee hin gorru; bisaan boollaallee hin dhunnu; karama mootiin baase irra deemna; haga daangaa kee irra lufnuuf bita'aa mirgallee hin jennu» jedhan. Edomiyaasillee, «Biyya keenna keessa akka luftan isin hin hoffolchinu; yoo lufu'uuf yaaltan ammo baanee guraade'een isiniin lolla» jedhan. Ijoolleen Israa'elii «Karaa irra hin deemna; anii fi horiin kiyyallee bisaan kee yoo dhunne gatii hin kaffalla waan biraa womaa hin goonu; lukuma calla'aan keessa lufna» jedhaniin; inni ammo «Hin luftan» jedhe. Edomiyaas banii hedduu fi irree jaba'aan bayee, akka baniin Israa'elii daanga'aan hin lufne dhoogginaan baniin Israa'elii irraa dacha'ee karaa biraatiin deeman. Ijoolleen Israa'elii biyya Qaadeesiitii ka'anii gara gaara hoorii dhaqan. Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin gara daangaa lafa Edomiyaasiititti akkana jedhee isaanitti dubbate, «Aaroon gara worra ufii haa deebi'uu; ijoolleen Israa'elii bisaan mariiba'aa biratti jecha kiyya waan didaniif gara biyya ani isaanii kennee hin galan. Aaroonii fi ilma isaa Alaazariin qabiitii gara gaara hoorii isaan fidi. Aarooniin irraa uffata mulqii ilma isaa Alaazaritti uwwis; Aaroon achumatti du'ee worra ufii ka du'etti haa eda'amuu» Muuseenillee akkuma Rabbi isa ajaje godhe; baniin maruu uduma laalan gara gaaraa bayan. Muuseen uffata Aarooniin irraa mulqee ilma Aaroonii Alaazaritti uwwise; Aaroon gaaruma san irratti du'e; Muuse'ee fi Alaazar ammo gaara irraa bu'an. Baniin maruu akka Aaroon du'e haga argan, ijoolleen Israa'elii maruu Aaroonii guyyaa soddoma booyan. Mootiin Aaraad ka biyya Kana'aanii ka gara bita'aatiin quphate karaa Ataarimiitiin worri Israa'elii akka dhufan dhagayee worra Israa'eliititti duulee isaan keessaa namoota hagoo booji'e. Hennaa san worri Israa'elii Rabbiin, «Yoo kanniin dabarsitee harka keennatti nuu kennite qachaa isaanii maraa hin balleessina» jedhanii silatii qabatan. Rabbillee laagaa Israa'elii dhagayee worra Kana'aanii dabarsee isaanii kenne; isaanii fi qachaa isaanii maraa sirima balleessanii maqaa hulee sanii «Heermaa » jedhanii itti baasan. Biyya Edomiyaasii gaara Hooriitii ka'anii hennaa deeman, karaa galaana diima'aa biraan deeman; baniin waan karaa dheeraa deemanii guddisanii dadhabaniif abdii kutatan. Baniin Rabbii fi Muuse'een, «Biyya gammoojji'ii kana keessatti haa duunu'uuf maaf nu baaftan? Bisaanii fi wonti nyaatanillee hin jiru; dhiyana hin fayyanne kana nyaachuu nafti keenna balfeera!» jedhanii gururi'an. Kanaan maayessa Rabbi banii irratti bofa hadhaa qabu isaanitti gad dhiise bofnillee banii baay'ee iddee banii Israa'elii keessaa namoonni baay'een dhuman. Baniin gara Muuse'ee dhufanii, «Waan si'ii fi Rabbitti dubbanneef yakkineerra; akka Rabbi bofa nu irraa fageessu Rabbiin nuu kadhadhu» jedhaniin. Muuseenillee bani'ii Rabbiin kadhate; Rabbi Muuse'een «Bofa sibiila diimaa irraa hojjadhuutii ija isaanii afo'otti muka irratti fannisi; namni bofni idde maruu yoo bofa ati fannifte kana laalu hin du'u; lubbu'uun jiraata» jedheen. Muuseen bofa sibiila diimaa irraa hojjatee kolba baniin jiruun muka irratti fannise; namni bofni idde maruu bofa sibiila irraa hojjatame kana yoo laalu hin fayye. Ijoolleen Israa'eliillee deemanii Abootitti quphatan; Abootii ka'anii lafa gammoojjii baya biiftu'uu ta Moo'aabiin afo'oo ta «Iyya'abaar» jedhamtutti quphatan. Achiillee ka'anii deemanii dhooqa Zaareediititti quphatan. Achiillee ka'anii gammoojjii daangaa Amoorotaa keessaan Arnooniin gamatti quphatan; Aarnoon daangaa worra Moo'aabiitii fi worra Amoorotaa waan ta'eef. Kanaaf kitaaba wonti lola Rabbii keessatti barreeffame keessatti akkana jedhan «Waaheebii naannoo dhooqa Suufaa keessaa Aarnoonii lafa gaaraatii fi lafa dhooqaa, qachaa Eeriitii haga daangaa Moo'aabii dheeratu» jedhanii maqaa itti baasan. Achiin maayessa gara boolla bisaan Bi'eerii deeman; Bi'eeriin kun boolla bisaanii ka Rabbi Muusee «Boolla kana biratti banii wolitti qabi; ani bisaan isinii kennaa» jedhee itti dubbate. Hennaa san worri Israa'elii faaruu kana faarfatan; «Ati burqaa nana burqi; isin faarfadha'aaf; Worri burqaa bisaanii qotan, bulchoota abbootaatii fi bulchoota bani'iiti; wonti isaan burqaa kana qotaniinillee ulee bulchiinsa mootummaa isaaniitii fi ulee isaaniitiin.» Lafa gammoojji'ii keessaan gara lafa Mateena'aa deeman; Mateenaa irraa gara Nahaali'eelii, Nahaali'eeliin irraa gara Baamootii, Baamootiin irraa gara mataa gaara fasgaa ka lafa gammoojjii irraa mudhatuu gara dhooqa gammoojjii Moo'aabii deeman. Seewoon worri Israa'elii lafa isaanii keessa akka hin lufne dhoogge; Seewoon banii maraa wolitti qabee worra Israa'eliitiin lolu'uuf gara gammoojji'ii yaa'aa'a; inni gara Siinii dhaqee worra Israa'eliitiin lole. Worri Israa'elii guraade'een isaan fixanii biyya isaaniillee Aarnoonii haga laga Yaabooqii ijoolleen Amoonii irra jirtuutitti lafa isaanii dhaalan; lafti ijoolleen Amoonii irra jirtu ammo sirri'itti waan eeggamuuf achi seenuu hin dandeenne. Worri Israa'elii qachaa sanniin maraa fudhatanii qachaa worra Amoorotaa maraa Haseboonii fi ganda isaanii maraa irra jiraatan; Haseboon qachaa Seewoonii mootii worra Amoorotaatitti mootichi kun mootii duraa mootii Moo'aabiitiin lolee haga lafa Aarnoonii lafa isaanii maraa fudhatee ture. Kanaaf akkana jedhee mammaakaan dubbate, «Gara Haseboonii koottaa'a! qachaan tun haa ijaaramtuu! qachaan Haseboonii haa hundeeffamtuu; Hasebooniin keessaa ibiddi, arrabni ibiddaa qachaa Seewoonii keessaa bayee; bulchoota gaara Moo'aabii, Eerii gaara Aarnoonii fixe. Moo'aab si hobbaasi! si hobbaasi! banii Kaamoosii baddan! ijoollee tee ta dhiiraa baqaaf, ijoollee tee ta intalaa ammo booju'uuf mootiin worra Amoorotaa Seewooniif kenne. Nu'u Haseboonii haga Deeboonii isaan balleessine; Noofaallee haga gayanitti isaan barbadeessine.» Israa'el ammo biyya Amoorotaa keessa taa'an; Muuseen worra gaadan gara Iyyaazeerii ergee Amoorota achi keessa jiran ari'anii ganda san maraa fudhatan. Achiin maayessa uduu isaan karaa Baasaaniitiin deebi'aaran mootiin Baasaanii Aagi isaaniin lolu'uuf banii maraa woliin karaa Eediraayiitiin gara isaanii baye. Rabbi Muuse'een, «Isaa fi banii maraa lafa sanillee sii kenneeraa isa hin sodaatin; Akkuma mootii Amoorotaa ka biyya Haseboonii jiraatu Seewooniin irratti goote akkasuma kana irrattillee hin gootaa» jedheen. Isaa fi ijoollee isaa, banii maraa namni tokkollee uduu hin hafne lafa irraa fixanii lafa isaanii dhaalan. Ijoolleen Israa'elii deemanii Iyyaarikoo afoo laga Yoordaanosiitiin gama lafa raasaa Moo'aabiititti quphatan. Ilmi Seefoorii Baalaaq waan Israa'el Amoorota irratti godhan maraa arge; baniin Israa'elii baay'ee waan ta'eef Moo'aab nayee guddisee sodaate. Moo'aab jaarsota worra Miidiyaamiitiin, «Akkuma sangaan marga marge dheedee fixu duulli naannoo keenna jiru kun waan naannoo keenna jiru maraa fixa» jedhaniin; hennaa san ilmi Seefoorii Baalaaq mootii Moo'aabii ture; hennaa san Baalaaq gara banii isaa naannoo lagaa faatura'atti Safareeru gara ilma Bi'oorii Bala'aamitti ergee, «Baniin tokko biyya Misiriitii dhufee as jira; kunoo baniin kun lafa guutee nu biratti quphateera; baniin kun waan na caaluuf ani isaaniin loolee akka lafa kana irraa isaan ari'uu danda'u yabo'oo koottuu naa abaari; ka ati eebbifte hin eebbifama; ka ati abaarte akka abaaramu waan beekuuf» jedhee akka isa waaman namoota itti erge. Kanaaf jaarsonni Moo'aabiitii fi jaarsonni Miidiyaamii gatii ittiin moru harkatti qabatanii gara Bala'aamii dhaqanii waan Baalaaq jedhe itti himan. Innillee, «Adha galgala as bulaa'a waan Rabbi natti hime isinitti himaa» isaaniin jedhe; bulchooni worra Moo'aabiillee Bala'aamiin bira bulan. Rabbi gara Bala'aamii dhufee, «Namoonni si bira jiran kunniin eennu fa'a?» jedhee gaafate. Rabbi Bala'aamiin, «Isaan woliin hin deemin; baniin banii eebbifame waan ta'eef hin abaarin» jedheen. Bala'aam obboroo lafaa ka'ee bulchoota Baalaaqiitiin, «Akka ani isin woliin deemu Rabbi waan hin feeneef gara biyya keessanii deemaa'a» isaaniin jedhe. Bulchoonni worra Moo'aabii gara Baalaaqii deebi'anii «Bala'aam nu woliin dhufuu dide» jedhaniin. Baalaaq ammallee bulchoota biraa worra ka duraa sanniin caalanii fi sanniin irra kabajjaman gara Bala'aamii erge. Bala'aam deebisee garboota Baalaaqiitiin, «Uduu Baalaaq birrii fi worqii mana isaa guute naa kennelle'e jecha Rabbii Waaqa kiyyaa waan guddo'oo fi diqqo'ottillee yakkuun naa hin danda'amu; ammallee waan Rabbi natti himu laalaa yabo'oo edana na bira bulaa'a» isaaniin jedhe. Rabbi halkaniin gara Bala'aamii dhufee, «Namoonni si waamu'uuf gara kee yoo dhufanii jiraatan ka'ii isaan woliin deemi; garuu waanuma ani sitti hime goota» jedheen. Kanaaf Bala'aam bariisaa ka'ee harree ufii fe'atee bulchoota worra Moo'aabii woliin deeme. Inni waan deemeef Rabbi isaan lole; maleekkaan Rabbii isa dhooggu'uuf karaa irra dhaabate; inni harrattii ufii yaabbatee garboota ufii lamaan woliin jiran. Harrattiin isaa maleekkaa Rabbii ka guraadee harkatti qabatee karaa irra dhaabatu argitee karaa irraa gortee qonna keessa seente; Bala'aam harrattii san kara'atti deebisu'uuf dhaye. Maleekkaan Rabbii hulee muka kaloo dhaga'aan ijaaramee jidduu karaa keessa dhaabate. Harrattiinillee maleekkaa Rabbii argitee gara kalo'oo siixxee hucuuccee luka Bala'aamii kalo'oon wolitti maxxansite; inni ammallee isii dhaye. Maleekkaan Rabbii harrattii afo'oo achi siiqee hulee isaan lufuu hin dandeenne dhaqee dhaabate. Harrattiin maleekkaa Rabbii argitee Bala'aamiin jala ciifte; Bala'aam ammo guddisee aaree harrattii tume. Rabbi harrattii akka dubbattu godhee isiin Bala'aamiin «Ani maal si goonaan harka sadihii na dhoofte?» jetteen. Bala'aamillee harratti'iin, «Waan natti taphatteef; uduu guraadee harkaa qabaadhee silaa si ajjeesa» jedheen. Harrattiin Bala'aamiin, «Dur irraa haga adhaa na hin yaabbannee? Asiin dura ani akka adhaa kana si rakkisee beekaa?» jette. Innillee «Wa'a! akkana gootee hin beettu» jedheen. Rabbi ija Bala'aamii banee maleekkaan Rabbii guraadee harkatti qabatee ka karaa irra dhaabatu argee kallachaan kufee sagadeef. Maleekkaan Rabbii, «Maaf harka sadihii harree tee dhoofte? Deemsi kee na afo'otti waan badaa ta'eef si dhooggu'uuf baye; Harrattiin na argitee harka sadihii na jalaa gorte; uduu isiin na jalaa achi siiquu baattee ani dhugamaan silaa si ajjeesee isii hambisa» jedheen. Bala'aam maleekkaa Rabbiitiin, «Ani hin yakke; akka ati na afoo karaa irra dhaabatte hin beenne; kanaafuu amma deemsa deema'aaru kana yoo hin barbaanne uf irra deebi'a» jedheen. Maleekkaan Rabbii Bala'aamiin, «Ati namoota woliin deemi; garuu waan ani sitti himu callaa dubbatta» jedheen; Bala'aamillee bulchoota Baalaaqii woliin deeme. Baalaaq akka Bala'aam dhufe haga dhagaye gara qachaa Moo'aabii ta daangaa Arnoonii jirtuu isa simachu'uuf dhaqe. Baalaaq Bala'aamiin, «Ani akka ati dhuftuuf nama sitti hin erginee? Maaf gara kiyya hin dhufne? Ani dhugamaan si kabajjuu hin danda'uu?» jedheen. Bala'aam Baalaaqiin, «Ani kunoo gara kee dhufeeraa waa dubbachuu danda'aa? Dubbii Rabbii ka Rabbi afaan na kaaye dubbadha» jedheen. Kanaaf Baalaaq Bala'aamiin woliin deemee gara Qiriyaatii fi Haaxootii dhufan. Baalaaq sangootaa fi hoolota qalee gara Bala'aamiitii fi worra bulchootaa ka isa woliin jiranii erge. Haga lafti bariite Baalaaq Bala'aamiin qabatee gara gaara ba'aalii ka itti sagadanii fide; achi irra dhaabatee banii qacce'ee haga qacce'ee laale. Bala'aam Baalaaqiin, «Hulee ciincaa itti ciincessan torba naa ijaarii jiboolee torbaa fi korbeeyyii hoolotaa torba naa qopheessi» jedheen. Baalaaqillee akkuma Bala'aam isaan jedhe godhe; Baalaaqii fi Bala'aam hulee ciinca'aa irratti jibicha tokkoo fi korbeessa hoola'aa tokko ciincessan. Kanaan maayessa Bala'aam Baalaaqiin, «Ati hulee ciinca'aa kana biratti na eegi; ani deemee maal laataa waan Rabbi natti hime deebi'ee sitti himaa» jedheenii gara gooddaa ol baye. Rabbillee gara Bala'aamii dhufe; Bala'aam Rabbiin, «Hulee ciinca'aa torba qopheessee maraa irrattuu jibicha tokkoo fi korbeessa hoola'aa tokko ciincaa dhiyeesse» jedheen. Rabbi jecha Bala'aam dubbachuu isa barbaachisu haga isatti kenneen maayessa garas deebi'ee akka deemu itti hime. Innillee gara isaa deebi'e; yoo achi deebi'u inninii fi bulchoonni worra Moo'aabii maruu ciincaa ciincawu bira dhaabataniiran. Bala'aam akkana jedhee raage, «Mootiin worra Moo'aabii Baalaaq Sooriyaa gara gaarran baya biiftu'uu jiranii na fide. innillee, ‹Koottuu raaga dubbadhuutii banii Israa'elii balleessi; isaan akka badaniif naa abaari› naan jedhe. Ka Rabbi hin abaarre ani attamitti abaara? Ka Rabbi hin jibbine ani attamitti jibba? Ani isaan hulee ol fagaatu irra dhaabadhee arga'aara; gaara irra dhaabadhee isaan laala'aara; isaan banii ufumaan uf bulchu; isaan banii biraa irraa akka adda ta'an uf beekan. Hortee Yaaqoobii eentu laakkayee danda'a? kurmaana isaanii eentu laakkawuu danda'a? du'a qajeellotaa ani haa du'uu; dhumti tiyyallee akkuma isaanii haa taatuu» jedheen. Baalaaq Bala'aamiin, «Maaf akkana na goote? diina kiyya haa naa abaartu'uuf si waame; ati garuu isaan eebbifte» jedheen. Innillee deebisee, «Ani waan Rabbi afaan kiyya keessa kaaye dubbachu'uuf dhugamaan uf hin eeguu?» jedheen. Baalaaqillee, «Yabo'oo achi dhaabattee daangama isaanii callaa laaltaa na woliin koottu; mara garuu hin argitu; achumaa isaan naa abaari» jedheen. Gara raasaa Tsoofinii gara qaccee gaara piisga'aa fideenii hulee ciinca'aa san irratti jibicha tokkoo fi korbeessa hoola'aa tokko dhiyeesse. Bala'aam Baalaaqiin, «Ani achi deemee Rabbiin woliin akka dubbadhu ati hulema ciinca'aa kana biratti na eegi» jedheen. Rabbi Bala'aamitti dhufee jecha afaan kaayeenii gara Baalaaqii deebi'iitii akkana jedhiin jedheen. Yoo inni gara isaa deebi'u Baalaaq bulchoota worra Moo'aabii woliin hulee ciinca'aa bira dhaabatanii turan; Baalaaq Bala'aamiin, «Wonti Rabbi sitti dubbate maali'i?» jedheen. Bala'aam akkana jedhee Baalaaqitti raage; «Baalaaq ka'ii na dhagayi ilma Seefoorii na dhagayi; Rabbi akka namaa hin sobu; akka namaa yaada ufii hin jijjiiratu; inni waan ufii jedhe hin godhuu? waan ufii jedhe hin raawwatuu? Ani isaan eebbisu'uuf ajaja Rabbiin irraa fudheera; Inni waan isaan eebbiseef ani deebisuu hin danda'u. Inni Yaaqoobiin irratti waan badaa hin argine; Israa'eliin irrattillee daba hin argine; Rabbi Waandhi isaa isa woliin jira; Rabbi mootii isaanii akka ta'e hin himan. Rabbi biyya Misiriitii isaan baaseera; inni akka gafarsaatitti isaanii lola. Yaaqoobiin irratti mitni; Israa'eliin irratti mortuun hin hojjatu; waan Rabbi Yaaqoobii fi Israa'elii godhe laalaa'a! Baniin Israa'elii akka leenca dhala'aatitti dhaabata; haga waan dhadhoole ajjeesee dhiiga dhugee foon isaa nyaatutti deebi'ee hin ciifneeti. Kanaan maayessa Baalaaq Bala'aamiin, «Sirima isaan hin eebbisin; hin abaarinille'e» jedheen. Bala'aam deebisee Baalaaqiin, «Waan Rabbi natti dubbate maraa hin dubbadha jedhee sitti hin himnee?» Jedheen. Baalaaq Bala'aamiin «Koottu hulee biraa si fidaa maal laataa achitti akka ati isaan naa abaartu Rabbi hin jaalataa» jedheen. Kanaaf Baalaaq Bala'aamiin gara raasaa Faagooriin gubba'aa mudhatuu fide. Bala'aam Baalaaqiin, «Asitti hulee ciinca'aa torba naa ijaarii jiboolee torbaa fi korbeeyyii hoolotaa torba naa qopheessi» jedheen. Baalaaq akkuma Bala'aam isaan jedhe godhe; jibicha tokkoo fi korbeessa hoola'aa tokko hulee ciinca'aa irratti dhiyeesse. Bala'aamillee akka Rabbi Israa'eliin eebbisuu barbaadu haga arge mita duraan hojjatu san soqu'uuf hin deemne; garuu gara lafa gammoojji'ii deebi'e. Bala'aam ol jedhee yoo laalu worri Israa'elii akka gosa gosaan taa'eeru arge; Hafuurri Rabbiillee waan isatti dhufeef, akkana jedhee Bala'aam Baalaaqitti mammaake, «Ilmi Bi'oorii Bala'aam, ka ijji isaa banamteef akkana jedha. Ka dubbii Rabbii dhagawu, ka mudhata Rabbii waan maraa danda'uu argu ka Rabbiin afo'otti kufee ijji isaa banamteef akkana jedha. Yaaqoobii kiyya! daaseewwan kee, Israa'elii kiyya bakkeewwan bulti'ii kee akkam bareedan? Isaan akka dhooqa diriiranii akka biqiltuu daangaa lagaa, akka muka qumbi'ii akka birbirsa afaan lagaatitti babadhateera. Waabaawwan isaanii keessaa bisaan jiga; sanyiin isaanii hennaa maraa rooba hin dhabu; mootiin isaaniillee Agaagiin caala; mootummaan isaaniillee kabajjama'a. Rabbi biyya Misiriitii isa baase; Rabbi akka gafarsaatitti isaanii lola; banii isaaniin lolullee dhayee lafee isaanii caccabsa; woraana ufiitiin isaan woraana. Baniin kun akka leenca korma'aatii fi akka leenca dhala'aa ripheera; eentu uggee isa kaasa? ka si eebbisu maruu haa eebbifamu; ka si abaaru maruu ka abaarame haa ta'u» Baalaaq Bala'aamitti guddisee aaree harka itti dhadhayatee akka ati diina kiyya abaartuuf si waame ati garuu hennaa sadihii isaan eebbifte; Kanaafuu gara hulee dhuftee deebi'i; ani si kabajjuu fedhee ture; Rabbi ammo ulfinna si dhooggate» jedheen. Dhuma irratti Bala'aam Baalaaqiin, «Ani ammo gara banii kiyyaa deema; koottu waan duranaa baniin kun banii kee irratti godhu sitti himaa» jedheen. Akkana jedhee mammaaka itti mammaake; «Ilmi Bi'oorii Bala'aam, ka ijji isaa banamteef akkana jedhe. Ka dubbii Rabbii dhagawu ka Rabbii beekumsaan waa maraa ol ta'e beeku ka mudhata Rabbii waa maraa danda'uu argu ka Rabbiin afo'otti kufee ijji isaa banamteef akkana jedha. Arga'aara garuu ammaa miti; laala'aara garuu dhiyo'oo miti; Yaaqoobiin keessaan bakkalchatu baya; Israa'eliin keessaa ulee mootumma'aatitu baya; daangaa worra Moo'aabii, hortee worra Seeti'ii maraa hin balleessa. Edomiyaasiin mooyatee ka ufii godhata; diinni isaa Seeyirillee ka isaa ta'a; Israa'elillee akkuma mooyatetti jiraata. Ka Yaaqoobiin keessaa bawu bulchaa isaanii ta'a; worra qachaa isaanii irraa hafan garuu hin balleessa. Kanaan maayessa Bala'aam worra Amaaleqii argee akkana jedhee itti raage; «Worri Amaaleqii bulchaa worra ormaa ture; garuu dhumti isaanii hin bada. Worra Qeenaawotaallee argee akkana jedhee isaanitti raage «Huleen bultii'ii kee ka jabaatee eeggamu; manni keellee hulee ol fagaatu irratti ijaarameera. Garuu isin worri Qeenotaa hennaa Asoor isin mooyate hin diiggamtan. Dhuma irratti Bala'aam akkana jedhee raage; ‹Hennaa Rabbi waan kana godhu hayi! eentu lubbu'uun jiraata?› «Markaboonni daangaa kitimiitii dhufanii worra Asoorii dhiphisan. Worra Eebooriillee hin dhiphisan; innillee akkasuma gara badi'ii dhufa. Bala'aam ka'ee gara hulee dhufeetitti deeme; Baalaaqillee hin lixe. Baniin Israa'elii biyya Saxiimii keessa taa'anii ijoolleen dhiiraa ta Israa'elii worra Moo'aabii woliin seebaran; Baniillee gara ciincaa waaqa tolfama'aa waaman; baniinillee hin nyaate; waaqa tolfamaa isaaniitiillee hin sagadan. Baniin Israa'elii Bi'eel Feegooriin faanaa deemnaan Rabbi Israa'eliin lole. Rabbi Muuse'een, «Hammeenni lola Rabbii banii Israa'elii irraa akka deebi'u bulchoota bani'ii maraa fuudhii aduu guddiftee baate keessatti Rabbiin afo'otti isaan fannisi» jedheen. Muuseen abboota murti'ii ka worra Israa'eliitiin, «Isin martinuu namoota keessan ka Bi'eel Feegooritti bulu ajjeesaa'a» isaaniin jedhe. Ijoollee Israa'elii keessaa namni tokko dubartii takka ta worra Miidiyaamii Muuse'ee fi banii ijoollee Israa'elii maraa afo'oo gara obboleewwan ufii isii fide; isaanillee daasee wol gayi'ii keessatti booya'aa turan. Ilmi gadicha Aaroonii Finihaas ilmi El'aazaarii haga waan kana arge banii jiddu'uu ka'ee eboo harkatti qabatee nama worra Israa'elii san duukaa daasee wol gayi'ii keessa seene; eboo fudhatee nama Israa'elii sanii fi intalattii san isaan lamaanuu garaa keessa woraane; akka kanaan balaan sun worra Israa'elii irraa dhaabate. Namoonni Bala'aan du'an namoota kuma diddamii afurii turan. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ilmi El'aazaarii ka gadicha Aaroonii Finihaas isaan keessaa waan kiyyaaf waan hinaafeef lola kiyya ijoollee Israa'elii irraa deebise; Ani ijoollee Israa'elii hinaaffaa kiyyaan hin balleessu. Kanaafuu amma dubbii kiyya ka waadaa nagayaa isaa kenna. Inni waan Rabbii ufiitii hinaafee ijoollee Israa'eliitii araarseef; isaa fi fiixaa isaa ka isaan maayessaatii waadaa gadumma'aa ka bara baraatitu isaanii ta'a» Namichi worra Miidiyaamii woliin ajjeefame ka Israa'elii maqaan isaa Zambar ture; ka mana abbaa isaa ka Simoonotaa ilma Saalu'uu ture. Maqaa namittii Miidiyaamii ta ajjeefamtee Kasiib turte; isiinillee intala Suuriiti; innillee Miidiyaamota keessatti worra mana abbaa ufiitii bulchaa ture. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, Balaa saniin maayessa Rabbi Muuse'ee fi ilma Aaroonii gadichaa El'aazaariin, «Namoota woggaa diddamaatii fi ka achii olii akka hortee mana abboota isaaniitiin banii Israa'elii keessaa dhiira lolaaf bawu laakkayaa'a» jedhee isaanitti hime. Muuse'ee fi gadichi El'aazaar raasaa Moo'aabii Iyyaarikoo afoo laga Yoordaanosii biratti, «Akkuma Rabbi Muusee ajaje ijoollee Israa'elii ta biyya Misiriitii baate namoota woggaa diddamaatii fi ka achii olii banii laakkayaa'a» jedhanii isaanitti himan. Baniin Israa'elii worri biyya Misiriitii bayan kanniin; Ilmi hangafaa ka Israa'elii Roobeel, ijoolleen Roobeelii, worra Heenoohii keessaa worra Heenoonotaa, worra Faalusii keessaa gosa Faalusootaa, Worra Asroonii keessaa gosa Asroonotaa, worra Karmi'ii keessaa gosa Karmootaa, Kunniin gosa worra Roobeeliiti; isaan keessaa worri laakkayame namoota kuma afurtamii sadihii fi dhibba torbaa fi soddoma turan. Ilmi Faalusii Eeliyaab, ijoolleen Eeliyaabii Naamu'eel, Daataanii fi Aberoon; Daataanii fi Aberoon worra banii keessaa filataman; hennaa isaan gosa Qore'ee woliin Rabbitti ka'an Muuse'ee fi Aarooniin lolan. Hennaa gofti sun dhuman worra Qore'ee woliin lafti afaan bantee isaan liqimsite; hennaa san ibiddi namoota dhibba lamaa fi shantamaa gubee fixe; ijoolleen Qore'ee hin duune kun malkata isaanii ta'e. Ijoollee Simoonii akka laakkobsa isaaniitiin worra Naamu'eelii irraa gosa Naamu'eelotaa. Yaaminii irraa gosa Yaaminootaa, Yaakinii irraa gosa Yaakinotaa, Zaara'aa irraa gosa Zaaraa, Saa'ulii irraa gosa Saa'ulootaa Kunniin gosa worra Simooniiti; isaan namoota kuma diddamii lamaa fi dhibba lama turan. Ijoolleen Gaadii akka gosa isaaniitiin Siifoonii irraa gosa Siifoonotaa, Haagii irraa gosa Haagi'ii, Shuunii irraa gosa Shuunotaa. Esnaaniin irraa gosa Esnaanotaa Aaroodiin irraa gosa Aaroodotaa, Aari'eeliin irraa gosa Aar'eelotaa. Kunniin gosa ijoollee Gaadiiti; isaan keessaallee worra laakkayaman namoota kuma afurtamaa fi dhibba shan turan. Ijoolleen Yihuuda'aa Eerna'aa fi Awunaan; Eernaanii fi Awunaan biyya Kana'aaiititti du'an. Ijoolleen Yihuuda'aa akka gosa isaaniitiin worra Seelo'oo keessaa gosa Seelotaa; ijoollee Faaresii keessaa gosa Faareesotaa, ijoollee Zaara'aa keessaa gosa Zaara'aa Ijoolleen Faareesii Eesroomiin irraa gosa Eesroomaawotaa, Hamuloota irraa gosa Hamulootaati; Kunniin gosa Yihuuda'aati; isaan keessaa worri laakkayaman namoota kuma torbaatamii jahaa fi dhibba shan turan. Ijoolleen Yisaakoorii akka gosa isaaniitiin Tolaa keessaa gosa Tola'aa; Fuwaa keessaa gosa Fuwa'aa Yaasuubiin irraa gosa Yaasuubii, Shimiroonii irraa gosa Shimiroonii, kunniin gosa worra Yisaakooriiti; isaan keessaallee worri laakkayaman namoota kuma jahaatamii afurii fi dhibba sadihi turan. Gofti worra Zaabiloonii akkaataa gosa isaaniitiin Seereedii irraa gosa Seereedii, Eeloonii irraa gosa Eeloonii, Yaahili'eelii irraa gosa Yaahili'eeliiti. Gofti kunniin gosa worra Zaabilooniiti; isaan keessaa worri laakkayaman namoota kuma jahaatamaa fi dhibba shan turan. Ijoolleen Yooseefii akka gosa isaaniitiin Efreemii fi Minaase'e; Ijoolleen Minaase'ee Maakir irraa gosa worra Maakiriiti; Maakir Gala'aadiin uumate, Gala'aad gosa Gala'aadii hore. Ijoolleen Gala'aadii kanniin; I'eezir irraa gosa I'eeziriiti; Keeleegii irraa gosa Keeleegii Asri'eeliin irraa gosa Asri'eeliiti. Seekeemiin irraa gosa Seekeemii, Shaamiidaa irraa gosa Shaamiidaa, Ofeer irraa gosa Ofeerii ilmi Ofeerii Salaaphaad; Ofeer ijoollee intalaa malee ijoollee dhiiraa hin qabu; maqaan ijoollee intalaa ta Salaaphaadii Maalilaa, Nu'aa, Eegilaa, Milka'aa fi Tirsa'a. Kanniin keessaallee worri laakkayaman kuma shantamii lamaa fi dhibba torba turan. Ijoolleen Efreemii akka gosa isaaniitiin Sutulaa irraa gosa Sutula'aa, Beekeerii irraa gosa Beekeerii, Taahaanii irraa gosa Taahaaniiti. Gofti kunniin gosa ijoollee Sutula'aati; Eedeenii fi gosa Eedeeniiti. Gofti kunniin gosa ijoollee Efreemiiti; isaan keessaallee worri laakkayaman namoota kuma soddomii lamaa fi dhibba shan turan; Gofti ijoollee Yooseefii kanniin. Gofti ijoollee Biiniyaamii Beelaa'a, gosa Beela'aa, Ashbeelii irraa gosa Ashbeelii, Akraanii irraa gosa Akraanii Soofaanii irraa gosa Soofaanii, gosa Huufaanii irraa gosa Huufaanii, Ijoolleen Beela'aa Ardi'ii fi Naa'ima'a; Ardi'ii irraa gosa Ardi'ii, Naa'imaa irraa gosa Naa'ima'aa. Ijoolleen Biiniyaamii akka gosa isaaniitiin kanniin; isaan keessaallee worri laakkayaman namoota kuma afurtamii shanii fi dhibba jaha turan. Akka gosa isaaniitiin ijoolleen Daanii kanniin; Sami'ee irraa gosa Sami'ee akka gosa isaaniitiin gofti Daanii kanniin. Gofti Sami'ee maruu worri isaan keessaa laakkayaman namoota kuma jahaatamii afurii fi dhibba afur turan. Ijoolleen Aseerii akka gosa isaaniitiin Yeeminaa irraa gosa Yeemina'aa, Yasuwaa irraa gosa Yasuwa'aa, Bari'aa irraa gosa Bari'a'aati. Ijoolleen Bari'a'aa Heebeer; Heebeeriin irraa gosa Heebeerii, Malki'eeliin irraa gosa Malki'eeliiti. Maqaan mucattii Aseerii Seeraahi. Kunniin gosa ijoollee Aseeriiti; isaan keessaa worri laakkayaman namoota kuma shantamii sadihii fi dhibba afur turan. Ijoolleen Niftaalemii akka gosa isaaniitiin Yaahitsi'eeliin irraa gosa Yaahitsi'eelii, Gunii irraa gosa Guni'ii, Yetsiriin irraa gosa Yetsirii, Shileemiin irraa gosa Shileemii Gofti Niftaalemii akkaataa gosa isaaniitiin kanniin; isaan keessaallee worri laakkayaman namoota kuma afurtamii shanii fi dhibba afur. Ijoollee Israa'elii keessaallee worri laakkayaman namoota kuma dhibba jahaaf kuma tokkoo fi dhibba torbaa fi soddoma turan. Rabbi Muuse'etti akkana jedhee dubbate, «Akka laakkobsa maqaa gosa isaaniitiin lafti ristii isaanii taatee isaanii kennamti. Namoota hedduuf akkuma baay'inna isaaniitiin, namoota hago'oof ammo akkuma diqqeenna isaaniitiin isaanii kennita; namoota maraafuu haguma laakkobsa isaaniitiin isaanii kennama. Garuu lafti hixaa itti buusanii isinii qoodamti; akkuma maqaa gosa abbootii isaaniitiin ristii san dhaalan. Namoota baay'ee fi hago'oofillee lafti hixa'aan qoodamti» jedheen. Gofti worra Leewwotaallee worri laakkayaman kanniin; Geedisooniin irraa gosa Geedisoonii, Qa'aatiin irraa gosa Qa'aatii Meeraariin irraa gosa Meeraariiti. Kunniin gosa worra Leewwotaati; gosa Libinaawotaa gosa Keebroonii gosa Muhaalotaa, gosa Musaawotaatii fi gosa Qore'eeti; Qa'aati Imbaraamiin uumate; Maqaan haadha manaa Imbaraamii Yookaab; isiin nama biyya Misiriititti Leewwii irraa dhalatte; isiin mucattii Leewwi'iiti; isiin Imbaaraamiif ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa Aaroon Muuse'ee fi obboleettii isaanii Maariyaamiin deetteef. Aaroon Naadaab, Abiyuud, El'aazaarii fi Itaamiriin uumate. Naadaabii fi Abiyuud deebi'anii Rabbiin afo'otti ciincaa hin woyyoomne dhiyeessinaan Rabbiin afo'otti qoomamanii dhuman; Namni dhalatee ka umuriin isaa ji'a tokkoo fi ka achii olii dhiirti maruu isaan keessaa worri laakkayaman namoota kuma diddamii sadihiiti; ijoollee Israa'elii keessatti waan ristiin isaanii hin kennamneef ijoollee Israa'elii woliin hin laakkayamne. Ijoolleen Israa'elii ka Muuseenii fi gadichi El'aazaar Iyyaarikoo afoo raasaa Moo'aabii laga Yoordaanosii biratti laakkayan kanniin. Garuu hennaa Muuse'ee fi gadichi Aaroon ijoollee Israa'elii gammoojjii Siina'aatitti laakkayan isaan keessaa worri laakkobsa irraa hafe hin jiru. Rabbi waan isaanii «Isaan dhugamaan lafa gammoojji'ii keessatti dhuman!» jedhee waan dubbateeruuf ilma Kaaleebii Yoofoonii ilma Nawwe'ee Iyyaasuu malee isaan keessaa namni tokkollee hin hafne. Gosa Minaase'ee, ilmi Yooseefii, ilmi Minaase'ee, ilmi Maakirii, ilmi Gala'aadii, ilmi Oofeerii ijoolleen intalaa ta Salapha'aadiillee hin dhufan; maqaan ijoollee intallan kanniinii Maalilaa, Nu'aa, Eeghaa, Milka'aa fi Tirsa'a. Isaan balbala daasee wol gayi'iititti Muusee, gadicha El'aazaarii fi bulchoota bani'ii maraa afoo dhaabatanii, «Abbaan keenna lafa gammoojji'iititti cubbuu ufiitiin du'e malee Qoree woliin Rabbitti ka'an hin turre; abbaan keenna yoma ilmallee hin qabnee gosa ufii jiddu'utti maaf maqaan isaa bada? Obboleewwan abbaa keennaa biratti ristii nuu kenni» jedhan. Muuseenillee waan isaan jedhan kana Rabbitti dhiyeesse. Rabbi Muuse'etti akkana jedhee dubbate. «Ijoolleen Salapha'aadii dhugaa dubbattee obboleewwan abbaa isaanii biratti ristii gayee abbaa isaanii kenniif. Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; namni tokko yoo du'e yoo ilma hin qabne, ristii isaa san mucattiin isaa haa dhaaltuu. Yoo mucattii hin qabaannee obboleewwanii kennaa'a. Yoo obboleewwan hin qabnee ristii san obboleewwan abbaa isaatii kennaa'a. Obboleewwan abbaa isaa yoo hin jirree worra keessaa fira isatti dhiyaatuu kennaa'a; inni ristii isaa san haa dhaaluu; seerri kun akkuma Rabbi Muusee ajaje seeraa fi murtii ijoollee Israa'eliitiif haa ta'uu» jedheen. Rabbi Muuse'een, «Gara gaara Abaarimii bayiitii lafa ani ijoollee Israa'eliitii kenne laali; hennaa lafa san argite akkuma obboleessi kee Aaroon du'e atillee akkasuma hin duutan. Isin lachuu waan lafa gammoojjii Siiniititti ajaja kiyya diddanii fi baniin maruu uduu burqaa mariiba'aa bira jiran hunna kiyya jabaa waan isaanitti mudhisuu diddaniif; kunillee burqaa bisaan mariba'aa ka lafa gammoojjii Siinii lafa Qaadeesii bira jiru» jedheen. Muuseen Rabbiin akkana jedhe, Rabbi Muuse'een, «Nama Hafuura Rabbii uf keessaa qabu ilma Nawwe'ee Iyyaasuu fuudhiitii harka kee irra kaayi; gadicha El'aazaarii fi banii maraa afoo dhaabsisi; uduma isaan argan isa ajaji. Baniin ijoollee Israa'elii maruu akka isaa ajajamu ulfinna kee irraa qoodiif, baallii kee kenniif. Innillee gadicha Aarooniin afoo haa dhaabatuu; gadichi Aaroonillee Rabbiin afo'otti murtii Uurimii haa gaafatuufii; inni isa woliin ijoolleen Israa'elii maruu waan inni jedheen maraa haa ajajamanii; jecha isaatiin baya'aa haa galanii» jedheen. Muuseenillee akkuma Rabbi isa ajaje godhe. Iyyaasuu fuudhee El'aazaarii gadichaa fi banii maraa afoo dhaabsise, Akkuma Rabbi Muuse'etti hime harka ufii irra kaayee isa ajaje. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Israa'elii akkana jedhii ajaji; midhaan fooliin isaa urgaawu ka ibiddaan bilchaate, kennaa godha'aatii naa dhiyeessaa'a» «Wonti kennaa ciinca'aa ka isin ibidda irratti naa dhiyeessitan ciincaa hennaa maraa ciincawu, korbeeyyii hoola'aa lama ta mudaa hin qabne, guyya guyya'aan naa dhiyeessitan isaaniin jedhi. Korbeessa hoola'aa tokko ganama korbeessa hoola'aa kaan garuu galgala dhiyeessi; korbeeyyii hoola'aa sanniin woliin kennaa midhaanii iifii tokko ka dhadhaa ejersaa iinii tokkoon sukkuumame haa dhiyaatuu; Kennaan kunillee kennaa hennaa maraa ciincaa ta'ee dhiyaatu, kennaan ciinca'aa ka Rabbiin gammachiisu kun ka hennaa duraatiif gaara Siina'aa irratti kennaa midhaanii ta'ee Rabbii dhiyaate. Korbeessa hoola'aa ka duraa woliin kennaa waan dhuganii daadhii woyini'ii cimaa iinii tokko hulee ciinca'aa irratti jissaa'a. Korbeessa hoola'aa tokko galgala dhiyeessita; kennaa waan nyaataniitii fi ka waan dhuganii ganama akka Rabbii dhiyaatu ibidda irratti ciincessitee Rabbii dhiyeessita. «Guyyaa Sambataa korbeeyyii hoola'aa lama ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo kennaa midhaanii ka dhadhaa ejersaatiin sukkuumame kudhan keessaa harka lamaa daakuu misha'aa fi kennaa waan dhuganii dhiyeessitan. Kennaa ciinca'aa ka hennaa maraa ciincawuu achi, kennaa waan dhuganiitii achi, wonti isin sambata maraa ciincessitan kana. Jalqaba ji'aa guyyaa duraa ciincaan isin Rabbii ciincessitan jiboolee lama, korbeessa hoola'aa tokko, korbeeyyii hoola'aa torba ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo, Jibicha maraafuu kennaa midhaanii ka dhadha'aan sukkuumame kudhan keessaa harka sadihii, daakuu mishaa korbeessa hoola'aatiifillee kennaa midhaanii daakuu mishaa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame kudhan keessaa harka lamaa, korbeeyyii hoola'aa maraafuu kennaa midhaanii ka daakuu misha'aa ka dhadha'aan sukkuumame akka ciincaa urgaawaa Rabbii ta'u ibidda irratti ciincessitan. Jiboolee maraafuu kennaa waan dhuganii ka dhiyaatu daadhii woyini'ii iinii lamaa korbeessa hoola'aatiifillee daadhii woyinii'ii iinii tokkoo fi wodhakkaa'a, korbeessa hoola'aa tokkoo fi daadhii woyini'ii iinii tokko dhiyeessaa'a; kennaan kun woggaa keessa ji'a jalqabaa marattuu ciincaa Rabbii dhiyaatu. Ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko Rabbii dhiyeessitan; kennaan kun kennaa hennaa maraa ciincawu ka midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin ala dhiyaatu. Ji'a jalqabaa, jiini seenee guyyaa kudha arfeesso'ootitti ayyaana Faasika'aa ka Rabbiiti. Ji'uma kana guyyaa kudha shaneesso'ootitti hin ayyaanteffattan; guyyaa torba xoroshoo nyaattan. Guyyaa jalqabaa garuu wol gayii woyyuu isinii ta'a; guyyaa san hujii maraa hin hojjatinaa'a. Ciincaa ibiddaan ciincaye Rabbii dhiyeessitan; jiboolee lama, korbeeyyii hoola'aa torba ta woggaa tokkoo ta mudaa hin qabne Rabbii dhiyeessaa'a. Kennaa keessan ka midhaaniillee daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame jibicha tokko; korbeessa hoola'aatiif garuu daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame kudhan keessaa harka sadihii, korbeessa hoola'aatiifillee kudhan keessaa harka lamaa, korbeeyyii hoola'aa torbaniifillee daakuu iifii tokko kudhan keessaa harka lamaa dhiyeessitan. Ciincaa Araaraatiif korbeessa re'e'ee tokko ciincaa cubbu'uutiif dhiyeessitan. Ciincaa ganama ganama dhiyaatuun ala ciincaa kanniin dhiyeessitan. Kennaa midhaanii urgaawaa Rabbiin gammachiisu akka kanaan guyyaa torbanuu Rabbii ciincessitan; wonti isin hennaa maraa guyya guyya'aan dhiyeessitan kun edaasaa ciincaa waan nyaataniitii fi ka waan dhuganiiti. Guyyaan torbeesso'oo guyyaa wol gayii woyyuu isinii haa ta'uu; hujii maraa hin hojjatinaa'a. Hennaa ayyaana midhaan haama'aa guyyaa duraa kennaa midhaanii ka duraa Rabbii dhiyeessitan wol gayii woyyuu isinii haa ta'uu; hujii maraa hin hojjatinaa'a. Ciincaa urgaawaa Rabbii dhiyeessaa'a; jiboolee lama, korbeessa hoola'aa tokko, korbeeyyii hoola'aa torba ta woggaa tokkoo, Kennaa midhaaniitii fi daakuu mishaa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame, jiboolee maraafuu kudhan keessaa harka sadihii, korbeessa hoola'aa tokkoo fi daakuu mishaa kudhan keessaa harka lamaa, korbeeyyii hoola'aa torbaniifuu daakuu iifii tokkoo dhiyeessitan. Akka araaraaf isinii ta'u korbeessa re'e'ee tokko ciincaa cubbu'uutiif dhiyeessitan. Ciincaan dhiyeessitan kun ciincaa hennaa maraa Rabbii ciincawu ka kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin ala dhiyeessitan; kennaan ciinca'aa kun ka mudaa hin qabne haa ta'uu. «Ji'a torbeesso'oo guyyaa jalqabaa wol gayii woyyuu isinii haa ta'uu; guyyaa xurumbaa itti afuuftan waan ta'eef hujii maraa hin hojjatinaa'a; Ciincaan urgaawaan isin Rabbii dhiyeessitan jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeeyyii hoola'aa torba ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo. Kennaa midhaaniitiif garuu daakuu mishaa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame kudhan keessaa harka sadihii, jibicha tokkoo fi korbeessa hoola'aatiif daakuu mishaa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame kudhan keessaa harka lamaa, korbeeyyii hoola'aa torbaniif ammo daakuu iifii tokkoo dhiyeessitan. Akka araaraaf isinii ta'u ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee dhiyeessitan. Jalqaba ji'aa ciincaa ciincawuu fi kennaa midhaanii, kennaa hennaa maraa dhiyaatu, kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin ala akka seera isaaniitiin kennaa urgaawaa ibiddaan Rabbii dhiyaatan. «Kanaan maayessa ji'a torbeesso'oo guyyaa kurneesso'ootitti wol gayii woyyuu isinii haa ta'uu; guyyaa san womaa hin nyaatinaa'a; hujii maraa hin hojjatinaa'a. Ciincaan urgaawaan isin Rabbii dhiyeessitan jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokkoo fi korbeeyyii hoola'aa torba ka woggaa tokkoo ka mudaa hin qabne. Kennaa midhaaniitiif daakuu mishaa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame jibicha tokkoo fi daakuu mishaa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame kudhan keessaa harka sadihii korbeeyyii hoola'aatiif, daakuu mishaa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame harka kudhan keessaa lama, korbeeyyii hoola'aa lama. Korbeessa re'e'ee ka ciincaa cubbu'uutiif dhiyaatu dhiyeessaa'a; ciincaan araaraa ka waan cubbu'uutiif dhiyaatu kun ciincaa hennaa maraa dhiyaatu; ka midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin ala dhiyaata. «Ji'a torbeesso'oo guyyaa kudha shaneesso'oo wol gayii woyyuu isinii haa ta'uu; hujii maraa hin hojjatinaa'a; guyyaa torbaa Rabbiin ayyaanteffadhaa'a. Ciincaan ciincayu ka isin Rabbii dhiyeessitan jiboolee kudha sadihii, korbeeyyii hoola'aa lama, korbeeyyii hoola'aa kudha afur ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo. Kennaa midhaaniitiif daakuu mishaa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame kudhan keessaa harka sadihii; korbeeyyii hoola'aa lamaaf, Korbeeyyii maraafuu daakuu iifii tokko dhiyeessitan; Korbeessa re'e'ee tokko ka waan cubbu'uutiif ciincawuu dhiyeessitan ciincaan dhiyeessitan kun ciincaa hennaa maraa dhiyaatu ka midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin ala dhiyaata. «Guyyaa lammeesso'oo mirgoolee kudha lama, korbeeyyii hoola'aa lama, korbeeyyi hoola'aa ta mudaa hin qabne kudha afur ta woggaa tokkoo, Kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganii ka mirgoole'eetii fi ka korbeeyyii hoolotaa, ilmoolee korbeeyyii hoolotaa akka laakkobsa isaaniitii fi akka seeraatitti ciincaa waan cubbu'uutiifillee korbeessa re'e'ee dhiyeessitan; kennaan kun kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganii ka hennaa maraa dhiyaatuun ala ka dhiyaatu. «Guyyaa sadeesso'oo mirgoolee kudha tokko, korbeeyyii hoolotaa lama, korbeeyyii hoola'aa ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo kudha afur, ciincaan kennaa midhaanii ka isin mirgoole'eef korbeeyyii hoolotaa ta mudaa hin qabneef dhiyeessitan akka laakkobsa isaaniitiin akkuma seeraatitti dhiyeessitan. Korbeessa re'e'ee ka ciincaa cubbu'uutiif dhiyaatu kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin ala dhiyeessaa'a. «Guyyaa arfeesso'oo mirgoolee kudhanii, korbeeyyii hoola'aa lama, korbeeyyii hoola'aa ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo kudha afur, ka kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin dhiyeessitan. Mirgoole'ee fi korbeeyyii hoolotaallee haguma laakkobsa isaaniitiin akka seeraatitti korbeessa re'e'ee tokko ciincaa cubbu'uutiif ciincaa midhaanii ka hennaa maraa ciincawuun alatti dhiyeessitan. «Guyyaa shaneesso'oo mirgoolee sagal, korbeeyyii hoola'aa lama, korbeeyyii hoola'aa ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo kudha afur, Ciincaan midhaanii ka mirgoole'ee, korbeeyyii hoola'aatii fi korbeeyyii hoola'aa ta woggaa tokkootiif dhiyeessitan akka laakkobsa isaaniitii fi akka seeraatitti Korbeessa re'e'ee tokko ka ciincaa cubbu'uutiif ciincawu kennaa midhaanii ka hennaa maraa dhiyaatu ka kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin alatti dhiyeessitan. «Guyyaa jaheesso'oo mirgoolee saddeetii, korbeeyyii hoola'aa lama, korbeeyyii hoola'aa ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo kudha afur, Ciincaan kennaa midhaanii ka mirgoole'eef korbeeyyii hoolotaa ka korbeeyyii hoolotaa ka woggaa tokkoo ka kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin dhiyaatu akka seeraatitti, Korbeessa re'e'ee tokko ciincaa cubbu'uutii fi ciincaa hennaa maraa ciincawu ka midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin alatti dhiyeessitan. «Guyyaa torbeesso'oo mirgoolee torbaa, korbeeyyii hoola'aa lama, korbeeyyii hoola'aa ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo kudha afur, kennaa midhaanii, ka mirgoole'ee, korbeeyyii hoola'aatiif korbeeyyii hoola'aa ta mudaa hin qabneef dhiyeessitan akka laakkobsa isaaniitii fi akka seeraatitti korbeessa re'e'ee ka ciincaa cubbu'uutiif dhiyaatu kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganiif ciincawuun alatti dhiyeessitan. Guyyaan saddeetesso'oo wol gayii woyyuu isinii haa ta'uu; hujii maraa hin hojjatinaa'a. Akka ciincaa urgaawaa Rabbii ta'u ciincaa ibidda irratti ciincawu mirgoo tokko korbeessa hoola'aa ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo torba dhiyeessitan. Kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganii ka isin mirgoolee'e, korbeessa hoola'aa tokkoo fi korbeeyyii hoola'aa ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo akka laakkobsa isaaniitii fi akka seeraatitti dhiyeessitan. Ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko dhiyeessitan; ciincaan kun ciincaa midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin alatti dhiyaatu. «Kennaan kunniin hennaa silatii qabdaniif kennaa fedha keessaniin fiddaniin alatti kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganii ciincaa fayyinnaa keessan hennaa ayyaanteffattan Rabbii dhiyeessaa'a.» Muuseenillee ijoollee Israa'elii waan Rabbi isa ajaje maraa isaanitti hime. Muuseen bulchoota gosa ijoollee Israa'elii akkana jedhee isaanitti dubbate; wonti Rabbi ajaje kana; namni yoo Rabbiif woreega qabe yookaan yoo kaku'uun waadaa gale, dubbii san hin diigin; waan afaan isaatiin jedhe maraa haa godhuu. Intaltillee yoo woreega Rabbii qabde uduu mana abbaa ufii jirtu daa'imummaa ufiitiin kaku'uun yoo waadaa galte, abbaan isi'iillee waan isiin woreega qabde saniif waan waada'aan kakatte san yoo dhagayee itti cadhise wonti isiin woreega qabdeef sun maruu isii irratti raawwata. Abbaan isi'ii garuu guyyaa dhagaye san yoo isii dhoogge woreenni isi'ii sunii fi wonti isiin waada'aan kakatte sun isii irratti hin raawwatu; abbaan isi'ii waan isii dhooggeef Rabbi isi'ii dhiisa. Hennaa woreega qabduu fi hennaa wonti isin kaku'uun waadaa galteef sun afaan isi'iitii bawu isiin ta abbaa worraa qabdu yoo taate, Abbaan worra isi'ii sun dhagayee yoo itti cadhise woreenni sunii fi wonti isiin kaku'uun waadaa galte sun isii irratti raawwata. Abbaan worraa isi'ii dhagayee yoo isii dhoogge woreenni isiin qabde sunii fi wonti isiin kaku'uun waadaa galte sun hin diiggama; Rabbillee isi'ii dhiisa. Ta abbaan worraa isi'ii jalaa du'e yookaan ta abbaa worraa jalaa baate garuu woreenni isiin qabde sunii fi kakuun isi'ii isii irratti raawwata. Intalti takka uduu mana abbaa worraa ufii jirtu woreega qabde yookaan yoo kaku'uun waadaa galte, abbaan worraa isi'ii dhagayee dhoogguu baatee yoo isi'itti cadhise woreenni isiin qabde sunii fi wonti isiin kaku'uun waada galte sun maruu isii irratti raawwata. Abbaan worraa isi'ii garuu guyyama dhagaye san yoo isii dhoogge sababaa woreega qabdee saniif wonti isiin kaku'uun waadaa galte, kakuun isi'ii isii irratti hin raawwatu; abbaan worraa isi'ii waan dubbii san diigeef Rabbillee isi'ii dhiisa. Woreega isi'ii maraa fi waan afaan isi'iitii baye maraa ka isiin kaku'uun waada galte abbaan worraa isi'ii mirkaneessu'uu fi diiguu hin danda'a. Abbaan worraa isi'ii garuu guyyama guyya'aan dhagayee yoo isi'itti cadhise waan isiin woreega itti qabde maraaf wonti isiin kaku'uun waada galte maruu isii irratti raawwata; waan abbaan worraa guyyama dhagaye san isi'ii mirkaneesseef. Haga dhagayeen maayessa woreega saniif waan isiin kaku'uun waadaa galte san yoo diige, cubbuu isi'ii san isatu fudhata. Hennaa isiin daa'imummaa ufiititti mana abbaa ufii jirtuu, yookaan seerri abbaa manaatii fi haadha manaa jidduu jiruu ka Rabbi Muusee ajaje kana. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Waan worri Miidiyaamii ijoollee Israa'elii yakkaniif ati ijoollee Israa'eeliitiif haluu bayi; achiin maayessa atillee hin duutaa» Kanaafuu Muuseenillee bani'iin, «Waan worri Miidiyaamii Rabbitti ka'aniif isin keessaa namoonni lolaaf haa hiriiranii; worra Miidiyaamii haluu bayu'uuf haa deemanii; gosa ijoollee Israa'elii maraa keessaa gosa gosaan namoota kuma tokkoo duula ergaa'a» jedhee isaanitti hime. Worra Israa'elii keessaa gosa gosaan namoonni kuma kudha lamaa gosa gosaan namoota kuma tokkoo worra lolaaf hiriiran kennan. Muuseen gosa maraa keessaa namoota kuma tokko tokko gara lolaa erge; isaanii fi Finihaasii ilma El'aazaarii gadichaallee gara lolaa erge; meeshaa mana woyyu'uutii fi xurumbaa afuufanillee itti kenne. Akkuma Rabbi Muusee ajaje isaan worra Miidiyaamiitiin lolanii dhiira maraa ajjeesan. Worra du'an san woliin mootonni worra Miidiyaamii shanan Ewii, Roqom, Suur, Huurii fi Riibaan fa'allee hin du'an; ilma Bi'oorii Bala'aamiinillee guraade'een ajjeesan. Ijoolleen Israa'elii dubartoota worra Miidiyaamiitii fi ijoollee isaanii maraa booji'anii horii isaaniitii fi waan isaan qaban maraa saaman; Qachaa isaan keessa jiraatanii fi qe'ee isaan keessa jiraatan maraa ibiddaan guban. Namaa fi horii isaanii waan booji'an maraa saamanii fudhatan. Waan booji'anii fi namoota booji'an waan saamanii fudhatan maraa gara Muuse'ee gara gadicha El'aazaarii fi banii ijoollee Israa'elii laga Yoordaanosii biratti raasaa Moo'aabii ka Iyyaarikoo afoo jiruu biratti isaanitti fidan. Muuseenii fi gadichi El'aazaar bulchoota bani'ii maraa argu'uuf gandaan ala gara raasa'aa bayan. Muuseen bulchoota duulaa worra duulaa dacha'an worra loltuu kumaa ajajanii fi worra loltuu dhibbaa ajajanitti aaree dheekkame. Muuseen, «Isin maaf dubartoota hambiftan? jedhee isaan gaafate, kunoo kunniin sababaa Feegooriitii fi gorsa Bala'aamiitiin ijoollee Israa'elii irratti worra gufuu ta'anii Rabbiin yakkaniimii; kanaaf banii Rabbii irratti balaan dhufe. Amma ijoollee isaanii dhiira maraa ajjeesaa'a; dubartii isaanii ta dhiira woliin seebartellee ajjeesaa'a. Ijoollee durbaa ta hin heerumne garuu ufiif hambifadhaa'a. Isin keessaa ka nama ajjeesee fi ka reeffa tuqe maruu haga guyyaa torbaa raasaa haa jiraatuu; guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo dubartoota ufiif boojitan qulqulleessaa'a. Uffata, ka gogaa irraa hojjatamee fi ka rifeensa re'e'ee irraa hojjatame maraa, ka muka irraa hojjatame maraa qulqulleessaa'a» Gadichi El'aazaar namoota lolaa dacha'aniin, «Seerri Rabbi Muusee ajaje kana; worqi'ii fi birrii sibiila diima'aa, qorqoorroo, irsaasii'i, waan ibidda keessa lufuu danda'u maraa akka qulqullaawu ibidda keessa dabarsaa'a; achiin maayessa bisaan waan sanniin qulqulleessuun qulqulleessaa'a; waan ibidda hin dandeenne garuu bisaaniin qulqulleessitan. Guyyaa torbeesso'oo uffata keessan miicadha'aatii qulqullaayaa'a; achiin maayessa gara gandaa dhiyaattanii» isaaniin jedhe. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, Atii fi gadichi El'aazaar bulchoota abboota bani'ii woliin namaa fi horii booji'ame maraa laakkayaa'a. Waan booji'ame kanniin bakka lamatti qooda'aatii worra gara tokkoo worra duula dhaqaniif, ka lammeesso'oo garuu worra duula hin dhandheef qoodaa'a. Waan worra duula dhaqeef kennite sanniin keessaa namoota keessaallee, sangoota keessaa, harriin keessaa, tika hori'ii keessaa, dhibba shan keessaa harka tokko Rabbii gibira baasi; Gayee isaanii keessaa fuudhii kennaa Rabbii godhii gadicha El'aazaarii kenni. Gayee ijoollee Israa'elii keessaa namootaa sangoota keessaa, harriin keessaa, tika hori'ii keessaa, horii maraa keessaallee shantama keessaa harka tokko fuudhiitii Leewwota mana Rabbii keessatti tajaajilanii kenni» jedheen. Muuseenii fi gadichi El'aazaar akkuma Rabbi Muusee ajaje godhan. Namoonni hiriira yaa'an waan booji'anii fudhatan keessaa wonti hafe hoolota kuma dhibba jahaa fi torbaatamii shan; durbi hin heerumnellee namoota kuma soddomii lama. worra duula dhaqeef gayeen isaanii qoodame hoolota keessaa hoolota kuma dhibba sadihii fi kuma soddomii torbaa fi dhibba shan; hoolota keessaa wonti Rabbii kenname hoolota dhibba jahaa fi torbaatamii shan. Sangoonni kuma soddomii jahaa fi dhibba shan; kanniin keessaa ka Rabbii kenname sangoota torbaatamii lama. Harriinillee kuma soddomaa fi dhibba shan; kanniin keessaa ka Rabbii kenname harriin jahaatamii tokko. Namoonnillee namoota kuma kudha jaha turan; kanniin keessaa ka Rabbii kenname soddomii lama. Kanaafuu akkuma Rabbi Muusee ajaje gibira kennaa Rabbiif ta'u gadicha El'aazaarii kenne. Gayeen worra duulaaf hin yaaneef kenname gayee worra duula yaa'aniif kenname woliin wol qixa; gayeen worra duula hin yaanee hoolota kuma dhibba sadihii fi kuma soddomii torbaa fi dhibba shan; sangoonni kuma soddomii jaha; harriin kuma soddomaa fi dhibba shan; namoonni kuma kudha jahaa turan. Muuseen gayee ijoollee Israa'elii sa'aa nama keessaa shantama keessaa tokko akkuma Rabbi Muusee ajaje Leewwota tajaajila mana bulti'ii eeganii kenne. Kanaan maayessa worri worra loltootaa ajajanii fi bulchan gara Muuse'ee dhufanii, «Nu'u garboonni tee worra duula dhaqan ka harka keenna jiru maraa laakkofneerra; nu jalaa tokkollee hin dhidhanne; marti keennaa waan boojinee dhufne mi'a worqi'ii, bitoo lukaa, qubee harkaa, laakkaa, worqii gurraa, tabsee mormaa akka Rabbi nuu araaramuuf Rabbiif qabannee dhufneerra» jedhaniin. Muuseenii fi gadichi El'aazaar worqi'ii fi mi'a waan gara garaatiin hojjatame maraa isaan harkaa fuudhan. worqiin worri ajajjuun loltuu kumaatii fi worri ajajjuun loltuu dhibbaa Rabbii dhiyeessan saqilii kuma kudha jahaaf dhibba torbaa fi shantama ture. Namoonni duula yaa'an maruu waan booji'an san ufumaa fudhatan. Muuseenii fi gadichi El'aazaar worqii ajajoota loltuu kumaatii fi ajajoota loltuu dhibbaa irraa fuudhanii akka yaadannoo ijoollee Israa'eliitiif ta'u Rabbiin afoo gara daasee wol gayi'ii galchan. Ijoolleen Roobeeliitii fi ijoolleen Gaadii horii baay'ee qaban ture; lafti Iyyaazeeriitii fi lafti Gala'aadii hori'iif hulee mishaa akka ta'e haga argan; Ijoolleen Gaadiitii fi ijoolleen Roobeelii Muusee, gadicha El'aazaarii fi bulchoota bani'iititti dhufanii, ammallee deebi'anii, «Nu'u yoo si afo'otti gaachena argannee jiraanne lafa kana ristii godhii nuu kenni; Yoordaanosiin gama nu hin ceesisin» jedhaniin. Muuseenillee ijoollee Gaadiitii fi ijoollee Roobeeliitiin «Obboleewwan teessan yoo duulaaf deeman isin as teettanii? Maaf onnee ijoollee Israa'elii dadhabsiiftan? Akka Rabbi lafa isaanii kennutti akka isaan hin ceesifneefii? hennaa ani lafa Qaadeesii haa Gaadani'iif gara Barne'ee erge abbootiin teessan, hennaa gara lafa dhooqa Eshkoolii dhaqanii lafa argan akka gara lafa Rabbi isaanii kennee sanitti hin galle onnee ijoollee Israa'elii dadhabsiisan. Guyyaa san Rabbi aaree dheekkame. Dheekkamsi Rabbii worra Israa'elii irratti hin jabaate dhaloonni Rabbiin afo'otti waan badaa hojjatu haga badutti woggaa afurtamaaf lafa gammoojji'ii keessatti akka dhama'an isaan taasise. Ammallee isin hulee abboota keessanii buutanii lola Rabbi banii Israa'elii irratti fidu'uuf dhaloota haarawa cubbuu hojjachu'uuf qophaaye taataniirtan. Isin ijoolleen Roobeeliitii fi ijoolleen Gaadii yoo Rabbiin duukaa deemuu baattan Rabbi banii kana lafa gammoojji'ii kanatti dhiisa; isin banii kana maraa hin balleessitan» jedhe. Isaanillee gara isaa dhufanii, «Nu'u horii keennaaf moonaa'a, ijoollee teennaaf qachoota ijaarra; nu'u garuu lolaaf qophoofnee haga hulee isaaniititti isaan galchinuu ijoollee Israa'elii afoo deemna; namoonni lafa kana irra jiranii fi ijoolleen teenna qachoota golgamte keessa jiraatan. Haga ijoolleen Israa'elii maruu ristii ufii dhaalaniif nu gara mana keennaa hin deebinu. nu ristii keenna Yoordaanosiin irraa gara baya biiftu'uutitti waan fudhanneef ristii isaanii ka Yoordaanosiin gamatti isaanii kenname isaan woliin hin dhaallu» jedhaniin. Muuseenillee, «Waan kana yoo gootan qophooftanii Rabbiin afo'otti lolaaf yoo deemtan, duultonni keessan haga Rabbi diina ufii ari'ee lafti Rabbiin afo'otti haga baatu namni maruu wonte'ee fi woraana qabatee Rabbiin afoo Yoordaanosiin gama yoo ceeye achiin maayessa hin deebitan. Rabbiin afo'otti Israa'eliin biratti qulqulloota taatan; lafti tunillee ristii teessan taati. Isin garuu yoo waan kana godhuu baattan Rabbiin yakkitan; akka cubbamtoota taatan uf beekaa'a; hoolota teessaniif gooruu ijaaraa'a; waan afaan keessanii baye godhaa'a. Ijoolleen Gaadiitii fi ijoolleen Roobeelii akkana jedhanii Muuse'etti dubbatan, «Nu'u garboonni tee waan ati gooftaan keenna nu ajajje hin goona. Ijoolleen teenna, haawwonni manaa teenna, tinni hori'ii keennaa fi loowwan keenna maruu qachoota Gala'aadii keessa jiraatan; nu'u garuu garboonni tee maruu woraanaa fi wontee qabannee akkuma ati gooftaan keenna nuun jette Rabbiin afo'otti lolaaf baana.» Kanaaf Muuseen gadicha El'aazaarii fi ilma Nawwe'ee Iyyaasuu gosa ijoollee Israa'eliitii fi worra bulchootaa isaanii ajaje. «Muuseen uduu ijoolleen Gaadiitii fi ijoolleen Roobeelii maruu woraanaa fi wontee qabatanii Rabbiin afo'otti isin woliin Yoordaanosiin ceeyanii mooyatanii lafa san dhaalanii lafa Gala'aadii yoo ristii gootan lafa san isaanii kennitan. Woraanaa fi wontee isaanii qabatanii yoo isaan woliin ceeyuu baatan garuu biyya Kana'aaniititti isin keessatti ristii ufii argatan» isaaniin jedhe. Ijoolleen Gaadiitii fi ijoolleen Roobeelii deebisanii «Akkuma Rabbi nu garboota teetiin jedhe akkasuma goona; woraanaa fi wontee keenna qabannee Rabbiin afoo gara biyya Kana'aanii ceena; Yoordaanosiin gamanatti lafa teenna taatee nuu haa haftuu» jedhaniin. Kanaafuu Muuseen ijoollee Gaadiitii fi ijoollee Roobeelii, wodhakkaa gosa ilma Yooseefii Minaase'eef biyya mootiin worra Amoorotaa Seewoon bulchuu fi biyya mootiin Baasaanii Aagi bulchu naannoo isaaniitii fi qachoota naannaya isaanii jiru maraa isaanii kenne. Ijoolleen Gaadii Dibooniin, Axaarootiin, Aroo'eeriin, Axirootiin, Shifaaniin, Iyyaazeeriin, Yoogibihaaniin, Beetanaamiraan, Beetihaaraaniin, qachoota dallawamte godhanii ijaaran; hoolotaallee gooruu ijaaran. Ijoolleeen Roobeeliillee Hasebooniin, Eliyaaliin, Qiriyaataayimiin, worra maqaan isaanii jijjiirame Naabaa, Almeewooniin, Seebaamaallee hin ijaaran; qachoota ijaaran kanniin maqaa biraa itti baasan. Ilmi Minaase'eetii fi ijoolleen Maakirii gara biyya Gala'aadii dhaqanii worra Amoorotaa ka lafa san irra jiraatan ari'anii lafa san fudhatan. Kanaaf Muuseen ilma Minaase'ee Maakirii Gala'aadiin kenneef; innillee lafa san irra jiraate. Ilmi Minaase'ee Iyyaa'iriin dhaqee qe'ee sanniin fudhatee qe'ee worra «Iyyaa'irii» jedhee itti baase. Noobaahillee dhaqee Qeenaatii fi qe'ee isi'ii maraa fudhatee «Noobaah» jedhee maqaa ufii itti baase. Ijoolleen Israa'elii akka gosa isaaniitiin qoqqoodamanii Muuse'ee fi Aaroon isaan masakkanii haga biyya Misiriitii bayaniin maayessa seenaan huleen isaan itti quphatan mudhisu kana; Muuseenillee akka ajaja Rabbiitiin akkaataa isaan itti bayan barreesse; akkaataan isaan itti bayanillee akkana ture. Ji'a jalqabaa guyyaa kudha shaneesso'ootitti Raamse'ee ka'anii bariisaa ayyaana faasika'aa uduu worri biyya Misirii maruu argan ijoolleen Israa'elii irree gudda'aan biyya Misirii keessaa bayan. Hennaa san worri biyya Misirii hangafa isaanii ka Rabbi isaan jalaa ajjeese awwaalata'aa turan; waan Waaqa tolfamaa isaaniitiifillee Rabbi isaanitti murteesse. Ijoolleen Israa'elii Raamse'ee ka'anii Suukootitti quphatan; Suukootiillee ka'anii biyya Etaamii ta lafa gammoojji'ii jirtutti quphatan. Etaamiillee ka'anii Filaahirootii Baalzaafoonii afoo jirtutti deebi'anii Migidooliin afo'otti quphatan. Filaahirootiillee ka'anii galaana keessaan gara lafa gammoojji'ii lufan; gammoojjii Etaamii keessa haga guyyaa sadihii deemanii Maara'atti quphatan; Maara'aallee ka'anii gara Eliimii dhufan; Eliimiin keessa burqaa bisaanii kudha lamaa fi meexxii torbaatamatu jira; isaan achitti quphatan. Eliimiillee ka'anii daangaa galaana diima'aatitti quphatan; galaana diimaa biraallee ka'anii lafa gammoojjii Siiniititti quphatan; lafa gammoojjii Siiniitiillee ka'anii Rafaaqa'atti quphatan; Rafaaqa'aallee ka'anii Elusitti quphatan. Elusiillee ka'anii Rafiiditti quphatan; hulee san bisaan baniin dhugu hin jiru ture. Rafiidiillee ka'anii lafa gammoojjii Siina'aatitti quphatan; lafa gammoojjii Siina'aatiillee ka'anii Kibroot Hatawwa'atti quphatan. Kibroot Hatawwaa biraallee ka'anii Hatsirootitti quphatan. Hatsirootiillee ka'anii Ritima'atti quphatan. Ritima'aallee ka'anii Zaafareesii Bareemo'ootitti quphatan. Zaafareesii Bareemo'ootiillee ka'anii Libina'atti quphatan. Libina'aallee ka'anii Riisa'atti quphatan. Riisa'aallee ka'anii Qaahelaata'atti quphatan. Qahelaata'aallee ka'anii gaara Shaafiriititti quphatan; gaara Shaafiriitiillee ka'anii Haraada'atti quphatan. Haraada'aallee ka'anii Maqiheelo'otti quphatan. Maqiheelo'oollee ka'anii Tahaatitti quphatan. Tahaatiillee ka'anii Taara'atti quphatan. Taara'aallee ka'anii Mitiqa'atti quphatan. Mitiqa'aallee ka'anii Hashmoona'atti quphatan. Hashmoona'aallee ka'anii Mooseerootitti quphatan. Mooseerootiillee ka'anii Bineeyayiqaanitti quphatan. Bineeyaayiqaanillee ka'anii Horhaagidigaaditti quphatan. Horhaagidigaadiillee ka'anii Yooxibaata'atti quphatan. Yooxibaata'aallee ka'anii Ebiroona'atti quphatan. Ebiroona'aallee ka'anii Etsiyoongaabiritti quphatan. Etsiyoongaabiriillee ka'anii lafa gammoojjii Siiniititti quphatan; lafti tun Qaadees. Qaadeesiillee ka'anii gaara hoorii ka daangaa Edoomiyaasii jirutti quphatan. Gadichi Aaroon ajaja Rabbiitiin gaara hoorii irra bayee ijoolleen Israa'elii biyya Misiriitii haga bayaniin maayessa woggaa afurtameesso'oo ji'a shaneesso'oo guyyaa jalqabaatitti du'e. Aaroon hennaa gaara hoorii irratti du'u umuriin isaa woggaa dhibbaa fi diddamii sadihi ture. Mootiin biyya Kanaa'aanii Aaraad biyya Kana'aanii gara bita'aatiin taa'eeru akka ijoolleen Israa'elii dhufteertu dhagaye. Ijoolleen Israa'elii gaara hoorii irraa ka'anii Seelmoona'atti quphatan. Seelmoona'aallee ka'anii Fuunoonitti quphatan. Fuunooniilleee ka'anii Abootitti quphatan. Abootiillee ka'anii Gaayii daangaa Moo'aabii jirutti quphatan. Gaayiillee ka'anii Diboongaaditti quphatan. Diboongaadiillee ka'anii Almoondibilaataayimitti quphatan. Almoondibilaataayimillee ka'anii gaarran Abiriimii ka Naabaa afoo jiru biratti quphatan. Gaarran Abriimiitiillee ka'anii raasaa Moo'aabii ka Iyyaarikoo afoo jiru galaana Yoordaanosii biratti quphatan. Raasaa Moo'aabii ka galaana Yoordaanosii bira jirutti Beetiyaashimootii haga Abeelsaaximiititti quphatan. Rabbi Muusee galaana Yoordaanosii raasaa Moo'aabii ka Iyyaarikoo afoo jiru biratti; Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi «Yoo Yoordaanosiin ceetanii gara biyya Kana'aanii galtan, namoota biyya maraa uf afo'oo ariitan; dhagaa isaan bocatan maraa hin balleessitan; waaqa tolfamaa waa bassanii hojjatan fakii isaanii maraa hin balleessitan; hulee isaan itti sagadan ka gaara irra jiru maraa hin diiddan. Ani waan lafattii isinii kenneef lafa dhaaltanii isii irra jiraattan. Lafattii akkuma gosa gosaatiin hixa'aan qoodamtan; namoota baay'e'eef akka baay'inna isaaniitiin, namoota hago'oof haguma diqqeenna isaaniitiin maraafuu akkuma hixaan isaa kenneen isaanii kennitan; laftillee ta isaa taati; akkuma gosa abboota keessaniitiin dhaaltan. Yoo namoota biyyaa uf afo'oo ari'uu baattanii dhiiftan garuu ija keessanitti akka qore'ee, akka waan cinaacha keessan isin woraanuu isin irratti ta'a; lafuma irra jiraattan tanatti isin rakkisan. Anillee waan isaan irratti godhu'uuf yaade maraa isin irratti godha» jedheen. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Israa'elii akkana jedhii ajaji; hennaa gara biyya Kana'aanii galtan daangaan Kana'aanii ta isin hixa'aan qoodamtan kana. Garri bita'aa Edoomiyaasii lafa gammoojjii Siinii jiruu ka Edoomiyaasiin bira jiruu ta'a; daangaan bita'aa galaana sooqiddaa biraan gara baya biiftu'uutiin jalqaba. Achii gara Aqiraabii cinaa bita'aatiin gara galee gara Siinii lufa; karri bayaniinillee Barnee Qaadeessii cinaa bita'aatiin lufee gara Hatsaraadarii dhaqee gara Atsimoonii lufa. Daangaan isaallee Atsimooniin irraa galaana biyya Misirii irra naannaya; karri bayaniinillee cinaa galaanaatiin ta'a. «Daangaan keessan gara dhiyaatiin galaana guddaa Meditiraaniyaaniiti; kun daangaa keessan ka gara dhiyaati. «Daangaan keessan ka mirgaa galaana guddaa Meditiraaniyaanii biraan gara gaara Hooriititti malkata isinii ta'a. Gaara Hoorii irraa haga Haamaatii daangaa seensaa godhattan karri daangaa keessanii ka baataniin Tsidaadiin ta'a. Daangaan isaallee gara Zifiroonii lufee haga gara Hatsareenaanii gaya; kun daangaa keessan ka cinaa mirgaati. «Daangaan keessan ka baya biiftu'uu Hatseer'eenaanii ka'ee gara Seefaama'aa lufa; daangaan isaallee Aayii Seefaamaa irraa ka'ee gara baya biiftu'uutiin gara Ribila'aa bu'ee haga Kineereetii gara baya biiftu'uutiin galaana Woshmaxii bira gaya. Daangaan isaallee gara galaana Yoordaanosii bu'a; karri bayaniinillee gara galaana sooqiddaatiin; daangaan naannaya lafa isin irra jiraattanii kana» jedheen. Muuseen ijoollee Israa'elii akkana jedhee ajaje, «Lafti gofti sagalii fi wodhakkaan akka hixa'aan qoodamaniif ajaje tana. Gofti ijoollee Roobeelii akka manniin aboota isaaniitiin, gofti ijoollee Gaadiillee akka manniin abboota isaaniitiin, gofti Minaase'eellee qooda lafa ufii fudhatan; gofti lamaan kunii fi cinaan gosa tokkoo lafa ufii Yoordaanosiin gama gara Iyyaariko'ootiin haga baya biiftu'uutitti lafa fudhattan» Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Maqaan namoota lafa qoodamanii kana; El'aazaarii gadichaa fi ilma Naawwe'ee Iyyaasu'u. lafa akka qoodamaniif bulchaa tokko tokko isaan keessaa fuudhi» maqaan namoota ati fuutuu Yihuudaa keessaa ilma Yoofoonii Kaaleeb; gosa ijoollee Simoonii keessaa ilma Amihuudii Saalaami'eel; gosa Biiniyaamii keessaa ilma Kiisiloonii Eldaad; gosa ijoollee Daanii keessaa bulchaa tokko ilma Yoogilii Buuqi; gosa ijoollee Yooseefiitii fi gosa ijoollee Minaase'ee keessaallee bulchaa tokko Ani'eelii ilma Suufidi; gosa ijoollee Efreemii keessaa bulchaa tokko ilma Shifxaanii Qaamu'eel; gosa ijoollee zaabiloonii keessaa bulchaa tokko ilma Farnaakii Elsaafaan; gosa ijoollee Yisaakoorii keessaa bulchaa tokko ilma Hoozaa Falxi'eel; gosa ijoollee Aseedii keessaa bulchaa tokko ilma Seeleemii Aahihuud; gosa ijoollee Niftaalemii keessaallee bulchaa tokko ilma Amihuudii Faadaheel. Namoonni Rabbi akka ijoollee Israa'eliitii lafa Kana'aanii qoodamaniif ajaje kanniin. Rabbi Muusee galaana Yoordaanosiin bira raasaa Moo'aabii keessatti kolba Iyyaariko'ootitti akkana jedhee itti dubbate, «Qachaa worrii Leewwotaa keessa jiraatan lafa isaanii irraa akka kennan ijoollee Israa'elii ajaji; hulee horii itti bobbaafatan ka naannaya qachaa sanii worra Leewwotaatii kennaa'a. Isaanillee qachaa keessa haa jiraatanii; waan qaban, loowwanii fi horii ufii maraa itti haa bobbaafatanii. Huleen isin worra Leewwotaatiif kennitan naannaya qacha'aatiin ala ciqilee kudha tokkoo haa ta'uu. Qacha'aan ala gara baya biiftu'uutiin ciqilee kuma lamaa, gara cinaa bita'aatiin ciqilee kuma lamaa, gara cinaa dhiyaatiin ciqilee kuma lamaa kennitaniif; qachaan isaanii kennitan sun hulee isaan horii itti bobbaafatan taati. Qachoonni worra Leewwotaatii kennitan jahanuu hulee itti baqatan; isaan hulee worri lubbuu ajjeesan akka itti dhokataniif kennitaniif; kanniiniin alatti qachoota afurtamii lamaa edaatanii kennitaniif. Qachoonni isin worra Leewwotaatii kennitan qachoota afurtamii saddeetii ta'an; hulee itti bobbaafatan woliin isaanii kennitan. Qachoonni lafa ijoollee Israa'elii irraa fuutanii worra Leewwotaatii kennitan worra hedduu irraa heddu fuudhaa'a; worra hagoo irraa hagoma isaan irraa fuudha'aatii isaanii kennaa'a; namni maruu haguma lafa ufiititti qachoota ufii worra Leewwotaatii kennaa'a» Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; laga Yoordaanosii ceetanii hennaa biyya Kana'aanii galtan, isin keessaa namni tokko yoo dunnuu nama ajjeese hulee itti dhokatu akka isaanii ta'u ufiif qachoota fooyadhaa'a. Firri namni sun jalaa du'e akka haluu isa hin baane inni achitti dhokata; namni yakka ajjecha'aatiin himatame uduu gara murti'ii hin dhufne hin du'u. Qachaan itti baqattan qachoota jahaa isinii haa ta'uu; Yoordaanosiin gamatti qachoota sadihii filtan; biyya Kana'aaniititti qachoota sadihii kennitan; qachoota isin itti baqattan isinii ta'a. Qachoonni jahan kunniin ijoollee Israa'eliitiif keessummaanii fi worri isaanitti galee jiraatu keessummaan isaanii yoo dunnuu nama ajjeesan qachoota baqatanii itti galan. «Namni yoo sibiilaan dhayee nama ajjeese lubbuu saniif hin gaafatama; ka lubbuu ajjeesellee sirima haa ajjeefamuu. Namni yoo dhaga'aan nama dhaye ka dhaga'aan dhayame sun yoo du'e namni dhagaan dhaye sun yakka ufiitiif hin adabama; ka nama ajjeese sun haa ajjeefamuu. Namni yoo mukaan nama dhayee namni dhayan sun yoo du'e ka nama san dhayee ajjeesellee haa ajjeefamuu. Firri namni sun jalaa du'e nama mukaan dhayee ajjeese san haa ajjeesuu. «Namni tokko nama biraa waan jibbeef darbee yoo isa kuffise yookaan yoo waan biraatiin darbate yookaan yoo tontoommo'oon dhayee isa ajjeese, waan yakka ajjeecha'aa raawwateef innillee haa ajjeefamuu; firri isaa bakkuma isa argetti isa haa ajjeesuu. «Garuu namni tokko uduu nama tokko hin jibbine dunnuu yoo isa kuffise, uduu waa isatti hin darbanne yoo inni waa irratti kufe, Yookaan uduu isa hin argine dhaga'aan dhayee yoo ajjeese diina isatti ta'uu yoo hin feene, baniin nama dhayee ajjeese saniif fira namni sun jalaa du'e jidduu seenee murtii dhuga'aa kennee, nama nama ajjeese san du'a oolcha; baniin maruu gara qachaa inni itti baqatee sanitti deebisanii gadichi muudame sun haga du'utti achuma taa'a. Namni nama ajjeese sun ammo qachaa itti dheesse san daangaa isi'iitii yoo baye firri nama du'ee sun daangaa, qacha'aatiin alatti yoo isa argee nama nama isa jalaa ajjeese san yoo ajjeese gumaa isatti hin ta'u. Gadichi guddaan haga du'uuf qachaa itti baqatan san keessaa bawuu hin barbaachisu, gadichi guddaan haga du'een maayessa garuu namni dhiigaa sun gara lafa ufii deebi'a. Worri kunniin maruu daasee wol gayi'ii keessan keessatti seeraan murtii ilmaan ilmaan teessanii isinii haa ta'uu. Namni dhiigaa maruu raga'aan ajjeefama; ragaa nama tokkootiin hin du'u. Namni dhiigaa maruu du'aan adabama; nama dhiigaa san oolchu'uuf horii irraa hin fudhatinaa'a; namni nama ajjeese sirima haa du'uu. Gadichi guddaan uduu hin du'in gara lafa ufii deebi'u'uuf gara qachaa itti dhokatee sanillee yoo dheesse gatii dhiigaa irraa hin fuudhinaa'a. Dhiigaan waan lafa balleessuuf lafa teessan hin batteessinaa'a; dhiiga nama nama ajjeesee yoo jissan malee lafti hin qulqullooftu. Ani Rabbi ijoollee Israa'elii jidduu waan jiruuf lafa ani isaan woliin irra jiraadhu hin batteessinaa'a» Gofti ijoollee Yooseefii, ilmi Minaase'ee, ilmi Maakirii, bulchoonni gosa ijoollee Gala'aadii dhufanii, «Muuse'ee fi bulchoota abboota ijoollee Israa'eliitiif lafa qoqqooddee akka hixa'aan isaanii kennitu si gooftaa keenna ajaje; obboleessa keenna Tsaloofihaadii ijoollee intalaa ta isaatiif akka kennitu Rabbi si ajaje. Garuu ijoolleen Israa'elii gosa biraa keessaa yoo heeruman lafti isaan qaban ka nama sanii waan ta'uuf hixaan lafa keennaa akka nu jalaa dhidhata'aaru beeki. Ijoolleen Israa'elii hennaa ayyaanni iyyoobeeliyuu gaye lafti isaanii hin eda'ama; lafti abboota isaanii garuu hin dhidhata» jedheen. Muuseen ijoollee Israa'elii akka jecha Rabbiititti akkana jedhee isaan ajaje «Gofti ijoollee Yooseefii dhugaa dubbatan. Wonti Rabbi waan ijoollee durbaa ta Tsaloofihaadiitiif dubbate kana nama ufii fedhanitti haa heerumanii; garuu nama gosa abbaa ufii calla'atti haa heerumanii; lafti gosa ijoollee Israa'elii gosa irraa gara gosa biraa hin lufin; ijoollee Israa'elii maruu gara lafa gosa abbaa ufii haa dhiyaatanii; Ijoolleen Israa'elii maruu lafa abbaa ufii dhaalu'uuf gofti ijoollee Israa'elii maruu durbi maruu nama gosa abbaa ufiititti haa heerumtuu. Akka kanaan lafti ijoollee Israa'elii gosa tokko irraa gara gosa biraa hin lufne; gofti ijoollee Israa'elii maruu gara lafa ufii haa dhiyaatanii; ijoolleen intalaa ta Tsaloofihaadii akkuma Rabbi Muusee ajaje godhan. Ijoolleen Tsaloofihaadii Maahilahi, Tirsaa, Eglaa, Milkaa fi Nuu'aa ijoollee obboleewwan abboota isaaniitiin wol fuudhan. Gosa ijoollee Minaase'ee ilma Yooseefiititti heeruman; lafti isaaniillee gosuma abbaa isaaniitii hafte. Seerrinii fi ajjanyi Rabbi raasaa Moo'aabii Iyyaarikoo bira laga Yoordaanosii biratti ijoollee Israa'eliitii fi Muuse'etti kenne kanniin. Jechi Muuseen gama Yoordaanosiititti lafa gammoojjii Arabaa keessatti galaana diimaa afoo, Faaraan, Xoofeeliim, Laabaa, Hatseerootii fi Dizahaabiim jidduu uduu jiran ijoollee Israa'elii marattuu hime kana. Karaa gaara Seeyiriitiin Kooreebiin irraa haga Barnee qaadeesii deemsa guyyaa kudha tokkooti. Yoordaanosiin gara baya biiftu'uutitti worra Moo'aabii keessatti Muuseen seera kana akkana jedhee himuu jalqabe. «Rabbi Waandhi keenna Kooreebitti akkana jedhee nutti dubbate; ‹worri gaara kana irra jiraattan amma isin gayee deebi'aatii gara lafa gaaraa, gara biyya Amoorotaatii fi daangaa isaanii maraa, gara lafa Arabaa, gara lafa badda'aa, gara lafa Arabaa, gara lafa gammoojji'ii, gara galaana gara bita'aatiin jiruu gara lafa Kana'aanii, gara Libaanosii haga laga guddaa Efraaxisii deemaa'a. Lafti ani Rabbi abboota teessan Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobii worra fiixaa isaanii maraafuu hin kenna jedhee kakadhe isin afoo jirtii dhaqa'aatii dhaalaa'a› » Bara san Muuseen bani'iin akkana jedhe, «Ani hojja kiyya isin baadhachuu hin danda'u. Rabbi Waandhi keessan guddisee isin baay'iseera; kunoo adha isin akka urjii Samii irraa guddattaniirtan. Rabbi abboota keessanii fi laakkobsa keessan kana irratti guddisee ka biraa hennaa kumaa caalaa haa eda'u; akkuma isinitti hime isin haa eebbisu! Ani hojja kiyya dadhabbii keessan, ba'aa keessanii fi mormii keessan attamitti baadhadhee danda'a? Isin gosa keessan keessaa worra ogeeyyii, worra waa hubatanii fi namoota waa beekan filaa'a; ani garuu bulchaa keessan isaan taasisaa. Isinillee, ‹Wonti akka goonuuf nutti himte kun waan misha'a› jettanii naa deebiftan. Anillee worra beettota, namoota waa beekan, bulchoota gosa keessan keessaa isinii filee isaan isin irratti bulchoota, worra loltuu kumaa ajaju, worra loltuu dhibbaa ajaju, worra loltuu shantamaa ajaju, worra loltuu kudhanii ajajuu fi worra isin bulchu gosa gosaan isinii file. «Hennaa san, ‹waan obboleeyyan keessanii dhagayaa'a; namaa fi obboleessa isaa nama isaanitti galee isaan woliin jiraatu jiddu'utti dhugaa murteessaa'a. Yoo murtii murteessitan nama wol hin caalchisinaa'a; akkuma nama guddaa jalaa dhageettan nama diqqaa jalaallee dhagayaa'a; murtiin ka Rabbii waan ta'eef nama hin sodaatinaa'a waan dubbattan keessaa wonti isinitti ulfaate yoo jiraate gara kiyya fidaa'a; ani isinii dhagayaa› jedhee worra murti'ii keessan ajaje. Hennaa san waan isin gootan maraa isin ajaje. «Nullee waan Rabbiin Waandhi keenna nuun jedhe maraa goone; gaara Siina'aatii kaanee gara gaara biyya Amoorotaa fidu gammoojjii keessaan Barnee Qaadesii geenne. Anillee akkana isiniin jedhe, ‹Isin gara lafa Rabbi nuu kennuu ta biyya worra Amoorotaa dhuftaniirtan; Kunoo Rabbi Waandhi kee lafa afoo kee kaayeeraa; akkuma Rabbi Waandhi abboota teessaniin jedhe dhaqii dhaali; hin sodaatin, hin nayin› isiniin jedhe. Isin gara kiyya dhuftanii namoota dhaqanii lafa san gaadan ka karaan akka qajeelaa ta'ee fi akka hin taane laalanii achi nu geessan; worra qachaa san qoratan nu afoo ergi› naan jettan. «Wonti sun guddisee na gammachiifnaan isin keessaa namoota kudha lamaa gosa maraa keessaa tokko tokko isinii file. Isaanillee dhaqanii gaara gubbaa bayan; gara dhooqa Eshkoolii dhufanii lafa san daaw'atan. Lafattii san irraa sanyii fuudhanii qabatanii dhufaniinii lafti Rabbi Waandhi keenna nuu kennu tana jedhanii nutti himan. «Garuu isin ajaja Rabbii diddan; lafa sanittillee hin galle. Daasee wol gayi'ii keessan keessatti akkana jettanii gungumtan ‹Rabbi waan nu jibbeef nu balleessu'uuf harka worra Amoorotaatitti dabarsee nu kennu'uuf biyya Misiriitii nu baase; eessa baana; eessa dhandha? baniin baay'e'e, hojjaan isaanii nu caala, qachoonni isaanii gugurdaa Samii gawu ka dhaga'aan kalame; akkasuma ijoollee Eenaaqiillee achitti argine jedhanii obboleewwan keenna nu sodaachisanii garaa nu balleessan. «Ani garuu ‹Hin nayinaa'a, hin sodaatinaa'a. Rabbi Waandhi keessan ka isin afoo deemu akkuma isin hennaa biyya Misiriitii fi lafa gammoojji'ii keessatti waan mishaa mara isinii godhe ammallee isinii lola. Haga hulee tanatti deebitanii galtanitti karaa deemtan marattuu akkuma namni finna ufii baadhatu ati akka Rabbi Waandhi kee si baadhate argiteertaa. «Rabbi jecha keessan dhagayee dheekkamee kakate; ‹lafa michuu abboota isaaniitii hin kenna› jedhee waadaa gale namoota hammeeyyii kanniin keessaa namni tokkollee lafa tana hin argu; ilma Yoofoonii Kaaleebiin malee; inni ammo hin arga; inni waan guddisee Rabbiin duukaa bu'eef, lafa inni ijjate isaa fi ijoollee isaatii kenna› Rabbi akkasuma sababaa keessaniif akkana jedhee natti dheekkame; ‹Muusee; atillee achi hin galtu; ilma Nawwe'ee Iyyaasuu isin afoo dhaabatutu itti gala; inni waan lafa san ijoollee Israa'elii dhaalchisuuf jajjabeessi› «Achiin maayessa Rabbi nu maraanuu ‹Ijoolleen teessan ta isin diinaan booji'amti jettan ta bada'aa fi mishaa addaan baasanii hin beenne calla'atu gara lafa sanii gala; lafattii isaanii kenna. Isin garuu deebi'a'aatii karaa galaana diimaa biraan gara lafa gammoojji'ii fidu saniin deemaa'a› «Isinillee, ‹Nu'u Rabbiin yakkineerra; akkuma Rabbi Waandhi keenna nuun jedhe baanee lolla jettanii akkuma salpha'atti lolaaf qophooftan; namni keessan maruu woraana harkatti qabatee gara biyya gaaraa san bayuu jibbe. «Rabbi garuu, ‹Ani isin woliin hin jiru; diina keessan harkatti akka hin kufne baatanii hin lolinaa'a› jedhiin naan jedhe. Ani isinitti hime; isin garuu ajaja Rabbii diddan malee na hin dhageenne; uf jajuu keessaniin gara biyya gaaraa duultan. Biyya gaaraa san irratti worri Amoorotaa dhufanii isiniin lolanii akkuma duula kinniisaatitti isin ari'anii Seeyiriin irraa haga Heermaamii isin dhayan. Deebitanii Rabbiin Waaqa afo'otti boottan; Rabbi garuu laagaa booyichaa keessan dhagayee gara keessan hin deebine. Kanaafuu biyya Qaadeesii keessa guyyaa baay'ee jiraattan. «Akkuma Rabbi naan jedhe deebinee karaa galaana diima'aatiin lafa gammoojji'ii keessa gaara Seeyirii guyyaa baay'ee naannofne. Kanaan maayessa Rabbi akkana naan jedhe, ‹Gaara kana irra naannayuun isin gaya; deebi'aatii gara mirgaa deemaa'a; Banii akkana jedhii ajaji; obboleewwan teessan ta gaara Seeyirii irra jiran biyya ijoollee Eesawu'uutiin luftan; isaanillee isin sodaatanii uf eeggadhaa'a; gaara Seeyirii Eesawu'uu waan kenneef ani lafa isaanii keessaa haguma ijjata miilaallee waan isaanii hin kennineef isin isaaniin wol hin lolinaa'a. Waan nyaattanii fi waan dhuddanillee horima keessaniin bitattan› naan jedhe. «Rabbi Waandhi kee hujii kee maraa waan eebbiseeruuf lafa gammoojji'ii guddaa kana keessa akka deemte beekeera; woggaa afurtamaa kana keessatti Rabbi Waandhi kee si woliin ture; ati womaa hin dhabne. «Kanaafuu obboleewwan teenna ijoollee Eesawu'uu ta biyya Seeyirii keessa taa'an woliin karaa Arabaatiin Eelaatii fi Etsiyoongaabiriin biraan deemnee gammoojjii biyya Moo'aabii keessa lufne. Rabbi, «Qachaa Eerii ijoollee Looxiitii hulee jireennaa godhee waan kenneef lafa san keessaa womaa isinii hin kennu; kanaafuu worra Moo'aabiitiin wol hin dhabinaa'a» naan jedhe. Baniin gosa Eemiimii jajjabaan hedduu qachaa Eerii keessa jiraata'aa turan; isaan akka ijoollee Eenaaqii dhedheeraa turan. Isaan akka ijoollee Eenaaqii worra Raafaayii jedhamanii waamaman; worri Moo'aabii garuu isaaniin worra gosa Eemiimii isaaniin jedhan. Duraan worri Hoorii Seeyiriin jiraata'aa turan garuu ijoolleen Eesawu'uu isaan ariite; akkuma worri Israa'elii lafa Rabbi isaanii kenne irratti godhan afoo ufiitii isaan balleessanii lafa isaanii irra jiraatan. «Achiin maayessa Rabbi, «Laga Zaareedii ceeyaa'a» nuun jedhe; nullee laga Zaareedii ceene. Wonti kunillee ka raawwatame Barnee Qaadeesii dhiifnee haga deemne woggaa soddomii saddeetiin maayessa akkuma Rabbi waada'aan waan isaanii dubbate dhiirti isaanii ka lolaaf yaa'e maruu achitti dhume. Rabbi haga isaan maraa balleessutti isaaniin loluu hin dhiifne. Isaan maruu haga dhumaniin maayessa, Rabbi akkana naan jedhe, ‹Ati adha daangaa Moo'aabii Eeriin lufta; achiin maayessa ani ijoollee Looxiitiif lafa irra jiraatan waan isaanii kenneef ijoollee Amooniitiif ammo waan lafa hin kennineef ijoollee Amoonii bira yoo geette isaaniin hin lolin; isaan hin woraanin» naan jedhe. [Lafti sunillee akka biyya Raffaayimiititti laakkayame; dura Raffaayim waan achi jiraateef worri Amoonii garuu Zamzumoota jedhanii isaan waaman. Banii gugurda'aa fi baay'ee ka hojjaan isaanii akka ijoollee Eenaaqii dhedheeratutu irra jiraata; Rabbi afoo isaaniitii isaan balleesse; isaan ari'anii lafa isaanii irra jiraatan. Worra Hoorii afoo isaaniitii balleessee ijoollee Eesawu'uu ta biyya Seeyirii irra jiraattu saniif kennee ture; lafa isaanii irra haga adha jiraatan. Baniin lafa bisaaniin marfamte ta qarxees jedhamtee waamamtuu dhufe worra Eewwota jedhamee waamamu ka naannoo Gaaza'aa jiraatu balleessanii hulee isaaniititti quphatan.] «Ammallee deema'aatii laga Aarnoonii ceeya'aatii Seewoonii mootii worra Hasebooniitii fi mootii worra Amoorotaa lafa isaallee dabarsee sii kenneeraa lafa san dhaali isaaniin wol loli. Adha irraa jalqabee baniin biyya kamuu jiraatan maruu akka isin sodaatan godha; hennaa waan keessan dhagayan sodaatanii hollotan» naan jedhe. Achiin maayessa gara Seewoonii mootii Haseboonii lafa gammoojjii Qideemootiititti ergaa nagaya akka isatti himaniif akkana jedhee ergamtoota erge. ‹Ani biyya kee keessa uduu bita'aa fi mirga hin midhanne karama qabadhee lufa. Seewoon mootiin Haseboonii garuu lufuu nu dhoogge Rabbi Waandhi keenna mootii Haseboonii Seewooniin waan onnee isaa morkataa godheef isa mooyannee lafa tana dhaalleerra. Kanaan maayessa Rabbi ‹Waandhi Seewoonii fi lafa isaa sii kennuu amma jalqabe› naan jedhe. Seewoonii fi baniin maruu nuun lolu'uuf gara lafa Yahaatsii yaa'an. Rabbi Waandhi keenna dabarsee isa nuu kenne isa, ijoollee isaatii fi banii isaa maraa balleessine. Hennaa san qachoota isaanii maraa fudhannee namoota, dubartootaa fi daa'imman isaanii maraa hin balleessine womaa isaanii hin hambifne. loowwan isaaniitii fi waan qachoota isaanii keessatti argine saamnee fudhanne. Rabbi Waandhi keenna qachoota Aaru'eerii ta daangaa dhooqa Aarnoonii irraa jalqabee karaa Gala'aadiitiin jidduu dhooqa sanii jiran maraa akka dhaallu nu godhe; qachaan dallawa qabdu ta nu ittisuu dandeettu afoo keenna hin turre; Rabbi Waandhi keenna maraa nuu kenne. Garuu gara lafa Rabbi Waandhi kenna nu dhoogge maraa gara lafa ijoollee Amoonii ta galaana Yaabooqiin bira jirtuu gara qachoota biyya gaaraa womaa hin geenne. «Achii deebinee karaa Baasaaniitii baanaan mootiin Baasaanii Aagii fi baniin maruu Eediraayitti nuun lolu'uuf yaa'an; Rabbi ‹isaa fi banii isaa maraa biyya isaallee sii kenneeraa isa hin sodaatin; ati akkuma Seewoonii mootii worra Amoorotaa ka biyya Haseboonii jiraate san irratti goote isa irrattillee akkasuma gootaa»› naan jedhe. «Akkasuma Rabbi Waandhi keenna mootii Baasaanii Aagii fi banii isaa maraa dabarsee nuu kenne; nullee isaan balleessine; namni tokkollee miliqee hin hafne. Hennaa san qachoota isaanii maraa hin fudhanne; qachaa tokkollee hin dhiifne; waan mootiin Baasaanii Aagi qabu biyya Argoobii maraa qachoota jahaatamaa fudhanne. Qachoonni kunniin maruu dallawa hojjaan isaanii dhedheera'aa qaban; Cufanaan dallawa sanniinii loosa'aan cufaman turan; qachoonni baay'een kaloo qaban ture. Mootii Haseboonii akkuma Seewooniin goone sirima isaan balleessine; qachoota isaanii maraa dhiira, dubaraa fi daa'imman isaanii woliin isaan balleessine. Loowwan isaanii maraa, waan qachoota isaaniitii saamne maraa jalaa fudhanne. Bara san dhooqa Arnooniitii jalqabee haga gaara Armooni'eemii lafa isaanii ka mootonni lamaan Yoordaanosiin gamatti irra jiraatan mootota worra Amoorotaa irraa fudhanne. Worri Siidoonii worra Armooni'eemiitiin ‹Siiriyoon› jedhanii waaman; worri Amoorotaallee ‹Saaneer› jedhanii waaman. Qachoota raasaa jiran maraa Gala'aadiin qachoota mootii Aagiitii fi ta Baasaaniin jiran Salkaanaa irraa haga Ediraayii biyya Baasaanii maraa fudhanne. Gosa Raaffaayiin keessaa mootiin Baasaanii Aagi hojja ufii hafe; sireen isaa ka sibiila irraa hojjatame ture; dheerinni siree isaa ciqilee sagal, dalgi ciqilee afur. lafa tanallee bara san dhaalle Aaro'eerii dhooqa Aarnoon bira jirtu irraa jalqabee biyyi gaaraa ka Gala'aadii wodhakkaa qachootaa gosa Gaadiitii fi gosa Roobeeliitii kenne. Mootummaa Aagii ka Gala'aadiin irraa hafe biyya Baasaaniitii fi biyya Argoobii maraa Minaase'ee kenne; Baasaaniin sun maruu biyya Raaffaayimii jedhamtee beekkamti turte; Ilmi Minaase'ee Iyyaa'ir worra Goshuurootaatii haga daangaa Maayikatotaa lafa Argoobii maraa fudhate; lafti Baasaanii tun haga adhaa gandoota Iyyaa'irii jedhamtee waamamti. «Maakirii Gala'aadiin kenneef; gosa Roobeeliitii fi gosa Gaadiitii biyya Gala'aadiitii haga dhooqa Aarnoonii wodhakkaa dhooqa sanii daangaa isaallee haga daangaa ijoollee Amoonii haga daangaa laga Yaabooqii, Kenereetii haga galaana Arabaa; kunillee haga galaana sooqiddaa gaara Fasga'aatii gad Arabaa gaara baya biiftu'uutiin jiruu daangaa Yoordaanosii maraa isaanii kenne. «Bara san akkana jedhee isaan ajaje ‹Rabbi Waandhi keessan lafa laga Yoordaanosiitiin gama jirtu tana isinii kenneeraa; isin duultonni maruu mi'a lolaa qabattanii obboleewwan teessan ijoollee Israa'elii afoo ceetan. Garuu akka isin horii baay'ee qabdan hin beeka; dubartoonni teessan, ijoolleen teessan, horiin keessan qachoota isinii kenne keessa jiraatan. Kunillee akkuma Rabbi hara isin baafachiise obboleewwan teessanillee haga hara baafachiisuu fi akkasuma isaanillee lafa Yoordaanosiin gamatti lafa Rabbi Waandhi keessan isinii kenne haga dhaalaniif; achiin maayessa isin maruu gara lafa ani isinii kennee deebitan. «Hennaa san Iyyaasuun, ‹Waan Rabbi Waandhi keessan mootota lamaan kanniin irratti godhe maraa ijaan argiteerta ammallee mootota keessa luftu maraa irratti Rabbi akkasuma godha. Rabbi Waandhi keessan inni waan sii loluuf ati isaan hin sodaatin› jedhee ajajeen. «Bara san ani akkana jedhee Rabbiin kadhadhe; ‹Yaa Rabbi! guddummaa keetii fi irree kee ana garbicha keetitti mudhisuu jalqabdeerta; Sami'ii fi Ardii irrattillee Rabbiin akka kee hojjachuu danda'uu fi Waandhi akka kee hunna qabu ka waa hojjachuu danda'u eennu? Ani ceeyee lafa michuu san ta galaana Yoordaanosiitiin gama jirtu biyya michuu Libaanosii laalaa na hoffolchi.» «Rabbi garuu sababa keessaniif naan lole; naa hin dhageennelle'e Rabbi ‹si gayaa! waan kanaaf lamuu natti hin dubbatin; galaana Yoordaanosii kana hin ceetu gaara Fasga'aa kana irra bayii ol jedhiitii bita'aa fi mirga, dhiyaa fi bariisaa midhadhu. Iyyaasuun banii kana qabatee waan gama ceeyuuf ajaji, jajjabeessi, uggisiis› naan jedhe. «Sababaa kanaaf dhooqa qachaa Feegoorii keessa jiraanne.» Waan kanaan maayessa Muuseen bani'iin akkana jedhe, «Seera fi murtii ani isin barsiisuu fi isin ajaju maraa eegaa'a; yoo waan kanniin eeddan lubbu'uun jiraattanii; Rabbi Waandhi abboota teessan ta durii lafa isinii kennu'uuf waadaa gale isin dhaalchisa. Ajaja Rabbii keessanii ka ani isinitti hime hin eeddan malee dubbii ani isin ajaje irratti dubbii biraa hin edaatan; isa irraallee womaa hin dhidhiftan. Namoota Bi'eelfaagooriin hordofan maraa Rabbi isin jiddu'uu akka balleesse; waan Rabbi bi'eelfaagooriin irratti godhe ijji teessan argiteerti; isin garuu worri Rabbii Waaqaa keessanii amanamaa taatan kunoo haga adhaa lubbu'uun jirtan. «Seera Rabbi Waandhi kiyya akka isinitti himuuf na ajaje maraa isin barsiiseera; lafa boojitanii fudhattan san irra hennaa jiraattan ajaja kanniin eegaa'a. Seera kanniiniif amanamumma'aan ajajamaa'a; yoo waan kanniin maraa gootan baniin kuuwwan isin namoota beettota attamii akka taatan argan hennaa waan seera kanniinii dhagayan banii guddaa kanaa beekkumsaa fi hubanno'otu kenname jedhanii maalalfatan. «Hennaa Rabbii Waaqa keenna waamnu maraa akka inni nutti dhiyaatu, baniin guddaan akka keennaa ka waaqoleen isaanii itti dhiyaatu eennu? hagamillee yoo guddaa ta'e seera akka ani adha isin afoo dhaabadhee isin barsiisuu kana baniin seera qajeelaa akkanaa kana qabu eessatti argama? Isinillee dhuftanii gaara jala hennaa dhaabattan arrabni ibiddaa haga Sami'ii gaara san irraa ol bobaya'aa ture; dukkana jimi'ii fi duumessatu ture. Isin akka Rabbi arraba ibiddaa keessaan isinitti dubbate akka dhageettan beettan malee bifa isaa garuu hin argine; laagaa isaa callaa dhageettan. Ajaja kudhanii ka akka isin eeddaniif isinii kenne dhagaa baxxee lamaan irratti barreesse. Anillee lafa isin dhaaltan san ta Rabbi isinii kenne keessatti seerri Rabbi akka eeddaniif akka ani isin barsiisu na ajaje. Hennaa Rabbi gaara Kooreebii irraa ibidda keessaan isinitti dubbate, bifa isaa sirima waan hin argineef guddisa'aa uf eegaa'a. Akka hin battoofne fakii waan bocamee, bifa waan gara garaa ka akka fakii dhiira yookaan bifa intalaatiin hojjatame irraa uf eegaa'a. Fakii busaawaa lafa irra jiranii, fakii simbirran Sami'ii gad bararanii, fakii waan ardii irra sosocho'uu, fakii qurxummii galaana keessa jiraatan maraa hin tolfatinaa'a. Ija tee gara Sami'ii ol kaasii adu'uu fi addeessa, urjiiwwan, duula Sami'ii ka Rabbi Waandhi kee orma maraafuu kenne yoo argite isaanii sagaddee waaqeffattee akka hin dogoggorre uf eegi. Isin garuu banii Rabbi biyya Misirii ta akka ibidda girgiraa sibiilaa taate keessaa isin baase; wonti achi keessaa isin baaseef akkuma adha banii isaa taatan kana banii ufii isin taasifachuu fedheeti. Rabbi sababa keessaniif natti dheekkamee akka ani laga Yoordaanosii hin ceene gara lafa michuu Rabbi Waandhi kee sii kennu akka ani hin dhaalle kakate. Kanaafuu ani laga Yoordaanosii uduu hin ceene lafuma tana irratti du'a; isin garuu ceetanii lafa michuu san dhaaltan. Waadaa Rabbi Waandhi keessan isinii gale akka hin irraanfanne fakii harkaan bocame kamiinuu ka Rabbi isin dhoogge irraallee uf eegaa'a. Rabbi Waandhi kee waan ibidda nama nyaatuu fi Waaqa hinaafu ta'eef. «Ijoolle'ee fi ijoollee ijoollee teessanii uumattanii yoo bara baay'e'eef Ardii irra jiraattan, yoo fakii bifa gara garaatiin bocame godhattanii karaa irraa gortanii battooftan, waan badaa Rabbii Waaqa keessan aarsu yoo isa afo'otti hojjattan, lafa san dhaalu'uuf Yoordaanosiin ceetanii biyya itti galtan san irraa daddaaftanii akka dhumattan ani adha ardi'ii fi samii isin irratti rageessisa; isinillee sirimaa hin baddan; woggaa dheeraallee irra hin jiraattan. Rabbi orma keessa isin bittinneessa; orma Rabbi keessa isin jiraachisu keessatti banii hagoo taatan. Achitti waaqa tolfamaa ijaan hin argine, ka gurraan hin dhageenne, ka waa hin nyaanne, ka hin ulane, ka mukaa fi dhagaa irraa harka namaatiin hojjatame waaqeffattan. Garuu achitti Rabbii Waaqa keessan soqattan; waan onne'ee fi qalbii keetiin soxxe maraa hin argatta. Hennaa wonti kun maruu si irra gayee rakkatte dhuma bara keetiititti gara Rabbii Waaqa keetii deebita; jecha isaallee hin dhageetta. Rabbi Waandhi kee Waaqa dhiifamsaa waan ta'eef si hin dhiisu; si hin balleessu; waadaa abboota keessaniif gale hin irraanfatu. «Nama Rabbi Waandhi Ardii irratti uume irraa jalqabee haga daangaa Sami'iitii haga daangaa isi'ii wonti akkanaa guddaan kun yoo waan dhagayameeru ta'e waan bara lufee namoota siin duraa gaafadhu. Ati Rabbi Waaqa ibidda keessaan sitti dubbate akkuma laagaa isaa dhageette baniin biraa dhagayee lubbu'uun hin jiraataa? Rabbi Waandhi keessan akkuma biyya Misiriititti ija teessan duratti isinitti mudhise qormaataan, baasaa fi maalale'een, duulaan, irree isaa ta jabaatteen, harka isaa dheera'aan, sodaachisaa gudda'aan, Rabbi banii biraa jidduu seenee banii ufii fudhachuu yaalee beekaa? Rabbi Waandhi kee akka Waaqa ta'e akka beettu kun sitti mudhateera isa malee Waandhi biraa hin jiru; si barsiisu'uuf Sami'ii laagaa ufii si dhageessise; lafa irrattillee ibidda ufii guddaa sitti mudhise; ibidda keessaan dubbii isaa dhageette. Inni abboota tee waan jaalateef isaaniin maayessa fiixaa isaanii filate; hunna ufii gudda'aan biyya Misiriitii isin baase; akkuma adha ta'e kana orma jajjabaa si caalaa jabaatan si jalaa yaasee si garuu lafa isaanii si dhaalchisu'uuf si gargaare. Eeganaa Sami'ii fi Ardii irrattillee Rabbi Waandhi biraa akka hin jirre adha beeki; qalbi'ittillee qabadhu. Akka si'ii fi ijoollee teetiifillee wonti mishaan ta'u biyya Rabbi Waandhi kee baraa haga bara baraa irra akka jiraattuuf sii kennutti umuriin kee akka sii dheeratu seeraa fi ajaja ani adha si gorsu jabaadhuu eegi.» Kanaan maayessa Muuseen laga Yoordaanosiitiin gamatti gara baya biiftu'uutiin qachoota sadihii fooyee kale. Namni tokko uduu hin beekin tasa yoo nama ajjeese lubbuu ufii akka oolchuuf gara qachoota sanniinii dheessee haa lubbuun isaa baraaramu'uuf namni yakkamaan nama ajjeese qachoota kanniin keessaa gara qachaa takkaa yoo seene hin ajjeefamu. Qachoonni sunniinillee qachoota gosa Roobeelii ka lafa gammoojji'ii ka hulee lafa wol qixxaayaa baasoorii raamootii gosa Gaadii ka lafa Gala'aad keessa jiruu, gosa Minaase'eetii fi Goolaanii biyya Baasaanii jiru turan. Seerri Muuseen ijoollee Israa'eliitii kenne kana. Lafa isaatii fi lafa mootii Baasaanii Aagii ka Yoordaanosiin gama gara baya biiftu'uutiin jiruu fi lafa mootota Amoorotaa lamaanii ta daangaa, galaana Aarnoonii jirtu Aaro'eeriin irraa jalqabee haga Armooni'eemii gaara Seewoonii Yoordaanosiin gama. Gara baya biiftu'uutiin Araba maraa haga gaara Phiisga'aa jala jiru haga galaana Arabaa fudhatan. Muuseen banii Israa'elii maraa waamee akkana isaaniin jedhe, «Isin banii Israa'elii seeraa fi murtii ani adha isinitti himu maraa akka barattan akka eeddan na dhagayaa'a. Rabbi Waandhi keenna gaara Kooreebiititti waadaa nuu gale; Rabbi nu'u worra adha lubbu'uun jirru malee abboota teennaaf waadaa kana hin galle. Rabbi gaara irratti ibidda keessa ta'ee addaataa isinitti dubbate; ani hennaa san jecha Rabbii isinitti himu'uuf isinii fi Rabbiin jidduu dhaabadhee ture; waan isin ibidda sodaattanii gaara gubbaa hin baaneef innillee akkana jedhe. ‹Rabbiin biyya Misirii mana garbumma'aa keessaa isin baase ana. «Ana malee Rabbii biraa hin waaqeffatinaa'a. «Fakkeenna waan fakii gara garaa irraa bocamee, fakkeenna waan Samii gubbaa jiruu, fakkeenna waan lafa irra jiruutii fi fakkeenna waan bisaan keessa jiruu ufiif hin hojjatin; Worra na jibban dhaloota sadihii haga dhaloota afurii cubbuu abboota isaanii ijoollee isaanii irratti ka fidu; worra ana jaalatanii seera kiyya eegan garuu haga dhaloota kuma tokkootitti ka araara fidu ana Rabbii Waaqa kee ka hinaafu waan ta'eef isaanii hin sagadin; hin waaqeffatinille'e. «Maqaa Rabbii Waaqa keetii duwwa'atti hin waamin; Rabbi nama maqaa isaa duwwa'atti waamu yakka isaa waan isa irraa hin qulqulleessineef. «‹Akkuma Rabbi Waandhi kee si ajaje guyyaa Sambataa eegi; woyyoomsi; guyyaa jahaa hujii kee maraa hojjadhu; guyyaan torbeesso'oo garuu Sambata Rabbii Waaqa keetiiti; akkuma ati hara baafattu hojjattoonni tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, hojjata'aa fi hojjattuun tee, sangaan, harreen, horiin kee maruu, keessummaan kee ka si bira jiru guyyaa Sambataatitti womaa hin hojjatinaa'a. Ati biyya Misiriititti akka garbicha turte yaadi; Rabbi Waandhi kee irree jaba'aa fi hunna jaba'aan achii si baase; kanaaf guyyaa Sambataa akka eedduuf Rabbi si ajaje. «‹Akkuma Rabbi Waandhi kee si ajaje akka umuriin kee lafa irratti sii dheeratu, akka wonti mishaan sii qajeelu, abba'aa fi haadha tee kabajji. «‹Hin ajjeesin; «‹Hin seebarin; «‹Hin hatin; «‹Nama kamiin irratti sobaan hin rageessin. «‹Haadha manaa ta nama biraa hin laalin; mana nama kamiituu, lafa isaa, hojjata'aa fi hojjattuu isaa, sangaa isaa, harree isaa, qabeenna isaa maraa woma kamuu hin kajeelin. «Rabbi gaara irratti ibidda, duumessaa fi dukkana keessa ta'ee laagaa gudda'aan cimsee jechoota kanniin banii keessan marattuu hime womaa itti hin edaane; dhagaa baxxee lamaan irrattuu barreessee naa kenne. «Hennaa gaarri ibiddaan bobawu hennaa dukkana keessatti laagaa isaa dhageettan isin bulchoonni gosaa, jaarsonni biyya keessaniillee gara kiyya dhuftanii akkana naan jettan, ‹Rabbi Waandhi keenna kabajja'aa fi guddinna ufii nutti mudhiseera; ibidda keessaanillee laagaa isaa dhageenneerra; yoo Rabbi Waandhi nama woliin dubbatu namni inni woliin dubbatu sunillee yoo lubbu'uun jiraatu adha argineerra. Eeganaa amma ibidda guddaa kanaan gubannee maaf duuna? nu amma deebinee laagaa Rabbii Waaqa keennaa yoo dhageenne hin duuna. Nama foon uffate maraa keessaa akka keenna laagaa Rabbii Waaqa jiraataa keennaa ka ibidda keessaan dubbatu dhagayee ka lubbu'uun jiraate eennu? Kanaafuu ati gara isaa dhiyaadhuu waan Rabbi Waandhi siin jedhu dhagayi; waan inni siin jedhe maraa koottuu nutti himi nullee dhageennee raawwannaa. «Hennaa isin waan kana natti himtan Rabbi waan isin naan jettan dhagayee akkana naan jedhe ‹Jecha baniin kun laagaa gudda'aan sitti hime dhagayeera; wonti isaan siin jedhan maruu waan misha'a; isaanii fi ijoollee isaaniitii fi wonti mishaan baraa haga bara baraa akka isaanii qajeelu, akka na sodaatan hennaa maraa ajaja kiyya akka eegan qalbii akkanaa kana uduu qabaatanii maal ta'a? Ati amma dhaqiitii isaaniin, ‹Gara daasee keessanii deebi'aa'a› jedhiin. Ati garuu asuma na bira dhaabadhu; ajajaa fi murtii isaan barsiiftee lafa ani isaanii kenne irratti eegan maraa sitti himaa› «Kanaafuu waan Rabbi Waandhi keessan isin ajaje raawwadhaa'a; isa irraa bita'aa fi mirga hin gorinaa'a; akka lubbu'uun jiraattan, akka wonti mishaan isinii ta'u lafa dhaaltan irratti umuriin keessan akka dheeratu karama Rabbi Waandhi keessan isin ajajeen deemaa'a. Eeganaa Israa'el dhagayi; akka wonti mishaan sii ta'uuf akkuma Rabbi Waandhi abboota teetii sitti hime lafa aannanii fi damma baaftutti akka guddiftee hortu seera kanniin eegi. Israa'el dhagayi! Rabbi Waandhi keenna Waaquma tokkocha; Atille Rabbii Waaqa kee onnee kee guutu'uun, lubbuu kee guutu'uun hunna kee guutu'uun jaaladhu; jecha ani adha sitti himu kana qalbi'itti qabadhu; ijoollee teellee barsiisi; yoo mana kee teettu, yoo karaa deemtu, yoo raftuu fi yoo kaatullee hennaa maraa isa dhudhumi. Akka malkataatitti harkatti hidhadhu hennaa maraa ija tee afo'oo hin dhabamin. Qasatoo balbala mana keetiitii fi balbal karra keetii irratti barreeffadhu. «Hennaa gara lafa Rabbi Waandhi kee sii kennuu ta abboota kee Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobii kakateetitti galte qabeenna ati hin qadhaabanne, qachoota gugurdaa babbareeddan, manniin qabeennaan guuttaman ka ati qabeenna keetiin hin guunne, bisaan boollaa ka ati hin qonne akkasuma biqiltuu woyini'ii ka ati hin dhaabnee fi ejersallee yoo sii kenne, yoo nyaattee quufte, hennaa san Rabbii garbummaa biyya Misirii jalaa si baase akka hin irraanfanne uf eegi. Rabbii Waaqa kee sodaadhu, isuma callaa waaqeffadhu, maqaa isaatiin kakadhu. waaqolee tolfamaa naannaya keessan jiran ka worri ormaa sagadaniif kaawwan hin waaqeffatinaa'a; yoo waaqolee tolfamaa sanniin waaqeffattan dheekkamsa Rabbii ka isin jidduu jiru kakkaaftan; Rabbi Waandhi keessaan Waaqa hinaafu waan ta'eef lafa irraa haxaayee isin balleessa. Lafa «‹Maasaa› jedhamee waamamutti akka isa qorattan san Rabbii Waaqa keessan hin qorinaa'a. Seera, ragaa fi ajaja Rabbii Waaqa keessanii ka inni isin ajaje jabaadha'aa eegaa'a. Akka wonti mishaan sii ta'u biyya michuu Rabbi abboota teessanii kakate sanitti galtanii akka dhaaltan, akkuma Rabbi sitti dubbate diintota kee maraa si afo'oo akka balleessu Rabbiin afo'ootti waan misha'aa fi waan qajeelaa godhi. «Baroota dhufan keessatti ilmi kee ‹seerri, murtiinii fi ragaan Rabbii Waaqa keennaa maali'i? jedhee yoo si gaafate, Ati ilma keetiin, ‹nu biyya Misiriititti garboota turre; Rabbi irree ufii gudda'aan biyya Misirii keessaa nu baase. Rabbi biyya Misirii Fari'oonii fi mana isaanii maraa irratti uduma nu arginu malkata hama'aa fi baasa guddaa hojjate. Lafa abboota teennaa kakate sanitti nu galchu'uuf achii nu baase. Lubbu'uun nu jiraachisu'uuf hennaa maraa wonti mishaan akka nuu ta'u Rabbii Waaqa keenna sodaannee seera isaa maraa akka eennu Rabbi nu ajaje. Akkuma Rabbi Waandhi keenna nu ajaje seera kana maraa yoo eenne akka qajeellumma'aatitti nuu laakkayama› «Hennaa Rabbi Waandhi kee gara lafa dhaaltee itti galtu si fide; hennaa orma hedduu, worra orma torban worra si caalan, worra Keexotaa, worra Geergeseenotaa, worra Amoorotaa, worra Kana'aanotaa, worra Feerzaanotaa, worra Eewwotaatii fi worra Iyyaabusootaa si afo'oo baase. Hennaa Rabbi Waandhi kee akka ati isaan mooyattu si taasise; hennaa isaaniin loltu sirima isaan balleessi; isaan woliin waadaa hin galin; isaan hin dhiisin. Isaan keessaa intala hin fuudhin; mucattii tee mucaa dhiiraa ka isaaniitii hin kennin; mucattii isaanii ta intalaa mucaa kee ka dhiiraatitti hin fuudhin. Waan isaan akka na duukaa hin deemne waaqa tolfamaa biraa akka waaqeffatan isaan dogoggorsaniif Rabbi dafee aaree dheekkamsaan isin balleessa. Isin garuu hulee ciincaa isaanii diigaa'a, soodduu isaanii caccabsaa'a, muka gaaddisaa ka isaan jalatti waaqa tolfamaa asheeraa jedhamu waaqeffatan muraa'a; fakii isaanii ka bocamellee ibiddaan gubaa'a. Ati Rabbii Waaqa keetiif banii woyyuu waan taateef banii lafa irra jiraatan maraa irra isaaf banii isaa akka taatu Rabbi Waandhi kee si filateera. «Wonti Rabbi isin jaalatee isin filateef laakkobsaan banii ormaa mara waan caaltaniifii miti; isin orma maraa irra laakkobsaan hagoo waan turtaniif. Garuu Rabbi waan isin jaalateef waadaa abboota keessaniif kakate san waan eegeef Rabbi irree ufii jaba'aan harka Fari'oonii mootii biyya Misiriitii garbummaa keessaa isin baase. Atillee Rabbi Waandhi kee Waaqa akka ta'e worra isa jaalatanii ajaja isaa eeganiif waadaa ufiitii fi araara ufii haga dhaloota kuma tokkoo Waaqa amanamumma'aan eegu akka ta'e beeki; worra isa jibban balleessu'uuf haluu isaanitti baya; worra isa jibbanitti hin turu; daddafee haluu isaan baya. Kanaafuu ajaja, seeraa fi murtii ani adha si ajaju eegii raawwadhu. «Seera kana dhageettee yoo eedde, yoo raawwatte, Rabbi Waandhi kee waada'aa fi kakuu abboota teetii gale sii eega; si jaalata, si eebbisa, si baay'isa, lafa abboota teetii kakate san fiixaan kee, sanyiin lafa keetii, midhaan kee, woyiniin kee, sayitiin kee ka ejersaa, baay'inni loon keetii, tika hoolota keetiillee sii eebbisa. Orma maraa caalaa ati ka eebbifame taata; horii kee keessa maseennii, nama kee keessa dhabaan hin jiraatu. Rabbi dhukkuba maraa si irraa fageessa; dhibee biyya Misiriititti beettu hamaa san si irra hin geessu; diintota kee maraa irratti fida. Orma Rabbi Waandhi kee si mooyachiisu maraa hin balleessita; garaa isaanii hin laaftu; waandhi isaanii tolfamaan waan siiboo sitti ta'uuf isaan hin waaqeffatin. «‹Qalbii tee keessatti ormi kunniin ana caalaa waan baay'ataniif attamitti isaan baasuu danda'a? jettee yaaddoftee isaan hin sodaatin. Garuu waan Rabbi Waandhi kee Fari'oonii fi biyya Misirii maraa irrattuu godhe, balaa gugurdaa banii kee irratti argite; hujii gugurdaa, baasaa fi maalalee akkasuma hunnaa fi baallii Rabbi Waandhi kee bilisa si baaseen yaadadhu; akkuma banii biyya Misirii itti balleessetti banii ati adha sodaattu kanniin maraa hin balleessa. Rabbi Waandhi kee isaan jiddu'utti akka balaan guddaan uumamu godhan; yoma si jalaa dheessanii dhokatanillee hin badan. Kanaafuu ati banii kanniin hin sodaatin; Rabbi Waandhi kee si woliin jira; inni Rabbii guddaa sodaatamu. Rabbi Waandhi kee banii kaniin suutuma suutaan buqqisa'aa isaan balleessa; isaan maraa hennaa tokkoon hin balleessitu; yoo kana goote busaawaan lafa irratti baay'atee si rakkisa. Rabbi diintota kee si jalatti kuffisa; haga dhumanitti guddisee isaan raasa; Mootota isaaniillee si jalatti kuffisa; ati isaan balleessitee akka maqaan isaanii irraanfatamu goota; eennullee ka uf irraa si dhoogguu danda'u hin jiru; ati maraa hin balleessita. Waaqa tolfamaa isaanii ka faki'iin bocame ibiddaan gubda; worqi'ii fi birrii waandhi tolfamaan isaanii hojjatameenillee hin hawwin; inni Rabbii Waaqaa kee afo'otti battii waan ta'eef akka isaan hin qabamne isa irraa womaa hin fudhatin. Akka isaa akka hin abaaramne waan battii gara mana keetii hin fidin; abaaramaa waan ta'eef shakki; jibbi. «Akka lubbu'uun jiraattan, akka baay'attan, lafa Rabbi abboota teessanii kakate sanitti galtanii akka dhaaltan, seera ani adha isin ajaju maraa eega'aa amanamumma'aan raawwadhaa'a. Akka Rabbi Waandhi kee si qoru ajaja isaa ka onnee kee keessa jiru eegu'uuf eeguu dhabuu kee akka beeku lafa gammoojji'ii keessa haga woggaa afurtamaa rakkinna keessa akka si masakka'aa akka si dabarse yaadadhu. Namni jecha afaan Rabbiitii bawu maraan lubbu'uun jiraata malee buddeena calla'aan akka hin jiraanne si barsiisu'uuf si rakkise; si beelesse; mannaa abbootiin tee hin beenne ka atillee hin beenne si nyaachise. Woggaa afurtamaa kanniin keessatti uffanni ati uffatte hin moofne; lutti keellee hin iitofne. Akkuma namni ilma ufii gorsu Rabbi Waandhi kee akka si gorsu beeki. Karaa isaa deema'aa isa sodaata'aa ajaja Rabbii Waaqa keetii eegi. Rabbi Waandhi kee gara lafa michu'uu gara lafa gaaraa fi dhooqa burqaa bisaanii burqisiisanii lafa qamadi'ii, lafa garbu'uu, muka hurbuu baaftu, muka roomaanii ka akka burtukaani'ii daraartu, ta ejersinii fi dammi keessa jiru, lafa buddeena quuftee itti nyaattu; lafa womaa irraa hin dhabne ta dhagaan isi'ii akka sibiilaa, gaara isi'ii keessaa ta sibiila diimaa baasanitti si galcha. hin nyaata; hin quuftalle'e waan Rabbi biyya michuu sii kenneef Rabbii Waaqa kee eebbifta. «Seera, ajajaa fi murtii ani adha si ajaju eeguu dhabu'uun Rabbii Waaqa kee akka hin irraanfanne uf eegi. Haga nyaattee quufteen maayessa, haga mana mishaa ijaarattee itti galteen maayessa, tinni sa'aatii fi tinni hoola'aa haga sii horeen maayessa birri'ii fi worqiin wonti ati qabdu haga sii baay'ateen maayessa qalbii keetiin akka hin boonne, Rabbii Waaqa kee ka garbummaa biyya Misirii keessaa si baase; Waaqa bofaa fi buutii, bakka dheebisaa ka bisaan hin jirre, lafa gammoojjii nama sodaachisu keessatti hunna ufii gudda'aan si masakke dhagaa qarsa'aa keessaa ka bisaan sii baase, bara dhumaatitti waan mishaa sii godhu'uuf si qoree si salphisu'uuf mannaa abbootiin tee hin beenne ka lafa gammoojji'iititti si nyaachise ati Rabbii Waaqa kee hin irraanfatin. Onnee keetiinillee, ‹Hunna kiyyaa fi jabeenna harka kiyyaatitu qabeenna kana maraa naa fide› akka hin jenne. Garuu akkuma adha ta'e kana waadaa abboota keetiif kakate jabeessu'uuf akka ati qabeenna wolitti qabattu hunna sii kenneeraa Rabbii Waaqa kee qaabadhu. Rabbii Waaqa kee irranfattee waaqa tolfamaa biraa yoo hordofte, yoo isaan waaqeffattee isaanii sagadde sirima akka baddan ani adhuma isinitti hima. Isin jecha Rabbii Waaqa keessanii waan hin dhageenneef akkuma Rabbi orma afoo keessanii balleesse sanitti isinillee akkasuma balleessa. «Ati Israa'el! dhagayi; orma si caalaa jabaatanii qachoota gugurdoo haga Sami'ii ijaaramte dhaalu'uuf adha Yoordaanosiin ceeta. Waan ati beettu ‹ijoollee Eenaaqii afoo eentu dhaabatuu danda'a?› ka jedhamu dhageettee ijoolleen Eenaaqii banii gugurdoo dhedheeratan sanniin. Rabbi Waandhi kee akka ibidda bobawuu ta'ee si afoo lufee akka isaan balleessu adha beeki; Rabbi si afo'otti isaan salphisa; akkuma Rabbi sitti hime daddaftee isaan balleessita. «Rabbi Waandhi kee afoo keetii haga isaan baaseen maayessa waan qajeellummaa kiyyaatiif lafa tana na dhaalchisu'uuf Rabbi Waandhi na seensise› jettee onnee keetiin hin yaadin; Rabbi orma kanniin waan cubbuu isaaniitiif afoo keetii isaan baasa. Wonti ati lafa isaanii dhaalu'uuf seentuuf waan qulqullummaa keetiitii fi waan wolabummaa keetiitiifii miti; garuu Rabbi Waandhi kee sababaa orma cubbamtoota afoo keetii balleessuuf waan waadaa abboota keetii Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobii gale akka raawwatamuuf. Eeganaa ati banii garaa jabaatu waan taateef wonti Rabbi Waandhi kee lafa michuu tana sii kenneef waan qajeellummaa keetiitiif akka hin taane beeki. «Rabbii Waaqa kee lafa gammoojji'ii keessatti akka aarsitee guyyaa biyya Misiriitii baate irraa jalqabee haga hulee tana dhuftanitti worra Waaqa dhibu akka taatan yaadadhu; hin irraanfatin; gaara Kooreebii irratti akkasuma Rabbiin aarsitan; Rabbillee isin balleessu'uuf isinitti dheekkame. Barreeffama dhagaa baxxee lamaan ka Rabbi isin woliin waadaa gale fuudhu'uuf hennaa gara gaaraa baye gaara irratti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa achi taa'e; buddeena hin nyaanne, bisaanillee hin dhunne. Rabbillee dhagaa baxxee barreeffamaa ka harka Rabbiitiin barreeffaman lamaan naa kenne; guyyaa wol gayiin godhame san jecha Rabbi gaara irratti ibidda keessaan isinitti dubbate maraa irratti barreeffameera. Rabbi guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaan maayessa dhagaa baxxee barreeffamaa lamaanii fi dhagaa barreeffamaa waada'aa naa kenne. «Kanaan maayessa Rabbillee ‹Dafii as irraa bu'i banii kee ka ati biyya Misirii keessaa baafte battaayaniiranii waan ani isaan ajaje irraallee goraniiran, fakii baffamee hojjatamellee ufiif qopheeffataniiran› naan jedhe. «Rabbi, ‹baniin kun banii lum'a jabaatu akka ta'e argeera; akka maqaa isaanii Sami'ii gaditti lafa irraa balleessuuf na dhiisi; si garuu banii isaan caaluuf kana caalaa guddaa ta'eef abbaa si godha› jedhee natti dubbate. «Anillee deebi'ee gaara irraa bu'e; hennaa san ibiddi bobaya'aa ture; barreeffamni dhagaa baxxe'ee ka waada'aa lamaanuu na harka ture; isin ajaja Rabbi Waandhi keessan isinii kenne daddaftanii irraa gortanii worqii bassitanii fakii waatiyyo'oo hojjattanii Rabbiin irratti worra hamaa ta'uu keessan argeera. Kanaafuu dhagaa baxxee barreeffamaa lamaan harkaa qabu sanniin isin afo'otti caccabse; cubbuu hojjattan maraaf Rabbiin aarsu'uuf waan hamaa Rabbiin afo'otti waan gootaniif Rabbi isin balleessu'uuf lola inni loleef waan hamaa isin irra gawuuf waan sodaadheef; akkuma asiin duraa Rabbiin afo'otti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa sagade buddeena hin nyaanne; bisaanillee hin dhunne; hennaa san Rabbi naa dhagaye. Rabbi Aarooniin balleessu'uuf guddisee lollaan akkasuma Rabbiin kadhadhe. fakii waatiyyo'oo ka bassitanii hojjattan san fakii badaa cubbu'uun guuttame fuudhee ibidda keessa buusee caccabse; daaraa san bisaan gaara irraa gad yaa'utti jisse. «Isin deebitanii lafa taabeera'aa, Maasa'aa fi Qibroot Hataawa'atti Rabbiin aarsitan. Hennaa Rabbi, ‹Baya'aatii lafa isinii kenne dhaalaa› jedhee Qaadeesii Barene'ee erge jecha Rabbii Waaqa keessaniitii hin ajajamne, isatti hin amanne; laagaa isaallee hin dhageenne. Guyyaa ani isin beeke irraa jalqabee isin namoota Rabbiin dhibu turtan. «Waan Rabbi isin balleessa jedhee dubbateef guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa, «Waandhana! banii hunna kee gudda'aan furte, ka irree kee jaba'aan biyya Misiriitii baafte banii keetii fi ristii kee hin balleessin; garboota tee Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobiin yaadadhu; mata jabeenna banii keetii, hammeenna isaaniitii fi cubbuu isaanii hin laalin› yoo kana ta'uu baate garuu akka Waandhi jecha abdi'ii isaanii kennetti Waandhi banii ufii gara lafattii sanii galchuu dadhabe› jedhanii worri biyya Misirii uf jajuu jalqaban; akkasuma ‹Rabbi banii ufii waan jibbeef isaan fixuu muratee gara lafa gammoojji'ii isaan baase› akka hin jenne; baniin kun banii hunna kee gudda'aa fi irree kee jaba'aan biyya san keessaa isaan baafte isaan garuu ristii keeti» jedhee Waaqa kadhadhe. Kanaan maayessa Rabbi akkana naan jedhe, «Gabateewwan dhagaa baxxe'ee lamaan ka akka duraa ka waa itti barreessan bocii gara kiyya gara gaaraa ol bayi saanduuqa waada'aa muka irraa ufiif hojjadhu; jechoota gabateewwan dhagaa baxxe'ee ka duraa ka ati cabsite sanniin irra jiran dhagaa barreeffamaaf bocame kanniin irratti barreessi saanduuqa waada'aa keessa keettaa» «Kanaaf anillee muka ajo'oo irraa saanduuqa waada'aa hojjadhe dhagaawwan baxxee lamaa ka akka dhagaawwan baxxee duraa ka waa itti barreessan lama bocee isaan lamaanuu harkatti qabadhee gara gaaraa ol baye. Guyyaa wol gayi'ii Rabbi gaara irratti ibidda keessaan ta'ee jechoota kudhanii ka Rabbi isinitti hime kama dura barreeffame san dhagaawwan bocame baxxee sanniin irratti barreessee dhagaawwan sanniin natti kenne; deebi'ee gaara irraa bu'ee ani gabateewwan dhagaa ka bocame san saanduuqa waada'aa ka hojjadhe keessa kaaye; akkuma Rabbi na ajaje barreeffamni kunniin saanduuqa waada'aa keessa jiraatan. Ijoolleen Israa'elii Bineeyaayiqaanii Bi'eerootiitii gara biyya Mooseera'aa deeman; Aaroon achitti du'ee awwaalame; bikka isaa ilma isaa El'aazaaritu gadicha ta'e. Achiillee ka'anii gara gudgodda'aa deeman; Achiillee ka'anii gara Yooxibaataa bisaan itti argamuu deeman. Hennaa san saanduuqa waada'aa ka Rabbii akka baadhatu Rabbiin tajaajilu'uuf isa afoo akka dhaabatu maqaa ufiitiin isa eebbisu'uuf haga adhaa Rabbi gosa Leewwi'ii fooye. Kanaaf Leewwiin obboleewwan ufii biratti qoodaa fi lafa hin qabu; akkuma Rabbi Waandhi kee dubbate Rabbi qabeenna isaati; «Anillee akkuma hennaa duraa guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa gaara irra taa'e hennaa san deebi'ee Rabbi naa dhagaye; Rabbi si balleessuu hin feene; Rabbi, ‹Ka'ii banii afoo deemi gara lafa ani abboota isaaniitii kennu'uuf kakadhee sanitti galanii haa dhaalanii› naan jedhe. Samiinii fi wonti Samii irraa, laftinii fi wonti isii irra jiru maruu ka Rabbii Waaqa keetiiti. Rabbi waan abboota teetii calla'aaf gammadee isaan jaalate; isaaniin maayessa orma maraa jiddu'uu isin filate. Hiyyeessaa fi haadha hiyyeessaatii hin murteessa; baqattootaa waan nyaatanii fi waan uffatan kennaaf; isaan hin jaalata. Isin waan biyya Misiriititti baqattoota turtaniif worra baqate jaaladhaa'a. Rabbii Waaqa kee sodaadhu; isuma waaqeffadhu; isaa amanamtoota ta'a'aa maqaa isaatiin kakadhaa'a; waan gugurdaa ati ijaan argite kanniin sii godhe; inni ulfinna keeti; Waaqa keetille'e. Abboonni tee namoota torbaatamaa ta'anii gara biyya Misirii bu'an ammallee Rabbi Waandhi kee baay'inna kee akka urjiiwwan Sami'ii godhe. «Eeganaa ati Rabbii Waaqa kee seera, murti'ii fi waan inni sitti hime hennaa maraa eegi. Gorsa Rabbii Waaqa keessanii, guddinna isaa, irree isaa jabaa, harka isaa ka diriire, hujii isaatii fi baasa mootii biyya Misirii Fari'oonii fi biyya isaa maraa irrattuu godhe hennaa isaan isin duukaa deeman argitaniirtan. Akka galaana diima'aan liqimfaman Rabbi haga adhaa akka isaan balleesse duultota worra biyya Misirii fardo'oo fi kankolaataa fardaa ka isaanii irratti waan inni godhe argitaniirtan. Haga hulee kana dhuftanii waan inni lafa gammoojji'ii keessatti isinii godhe hin beettan. Banii Israa'elii maraa jiddu'utti lafti afaan bantee isaanii fi maatii isaanii daasee isaaniitii fi waan isaan qaban maraa akkuma liqimsite waan ilma Roobeelii, waan ijoollee Eeliyaabii Daataanii fi Aberooniin irratti godhe worra waan kana hin beennee fi ijoollee waan kana hin arginetti waan hin himneef isin adha beekaa'a. Garuu hujii guddaa Rabbi isin maraa afo'otti godhe ijji teessan argiteerti. lafti amma isin dhaaltan tun lafa akka duraan irra jiraattan ta akka biyya Misiriitii miti; biyya Misirii irratti hennaa midhaan facaaftan biqiltuu maasaa keessanii maraa bisaan obaasu'uuf guddaa dadhabdan. Garuu lafti isin ceetanii itti galtanii dhaaltan lafa gaaraatii fi lafa dhooqaati; roobuma Sami'ii roobuun quufti. lafti tun biyya Rabbi Waandhi kee tooyatu jalqaba wogga'aatii haga dhuma wogga'aa ijji Rabbii Waaqa keetii hennaa maraa isii irra. «Kanaafuu Rabbii Waaqa keessan akka jaalattan onnee keessan guutu'uu fi qalbii keessan guutu'uun akka isa waaqeffattan ajaja ani adha isin ajaju maraa yoo sirri'itti dhageettan, midhaan kee, woyinii keetii fi sayitii kee ka ejersaa akka hennamaan wolitti qabattan hennaa maraa rooba gannaatii fi rooba badheessaa isinii rooba; horii keetiillee lafa margaa kenna; dheechiftee quubsita. Qalbii keessaniin dogoggortanii akka karaa irraa hin gorre waaqa tolfamaa biraa akka hin waaqeffanne, akka isaanii hin saganne, Rabbi akka isinitti hin dheekkamne, roobni akka hin roobne laftillee sanyii akka hin kennineef Rabbi akka Samii isinitti hin cufne lafa michuu Rabbi isinii kennu irraa daftanii akka hin banne uf eegaa'a. «Eeganaa jechoota kanniin qalbii keessanii fi garaa keessanitti qabadhaa'a; akka malkataatitti harkatti isaan hidhadhaa'a; jechoonni kunniin ija keessan afo'oo hin gorin; ijoollee teessanillee barsiisaa'a; hennaa mana teettan, hennaa imala deemtan, hennaa raftan, hennaa kaatan waan isaa dudubbadhaa'a; akka Rabbi Waandhi lafa abboota teessanii kennu'uuf isaanii kakate lafa tana irratti umuriin keessanii fi umuriin ijoollee keessanii akka dheeratu, balbala mana keetiitii fi cufanaa karra keetii irratti barreeffadhaa'a. «Rabbii Waaqa keessan yoo jaalattan, yoo karaa isaa maraa irra deemtan, yoo isaan wolitti maxxantan, seera ani adha isin ajaju kana maraa eeddanii yoo raawwattan, orma kanniin maraa Rabbi afoo keessanii yaasee orma isin caalaa jabaa ta'an kanniin dhaaltan. Huleen luka keessaniin ijjattan maruu teessan taati; lafa gammoojji'iitii haga galaana guddaa Efraaxisii, libaanosii haga daangaa galaana dhiyaa keessan ta'a. Eennullee isin afoo dhaabachuu hin danda'u; akkuma Rabbi Waandhi keessan isinitti hime sodaachisuun keessanii fi naasisuun keessan lafuma irra ijjattan maraa irratti ta'a. «Ani adha eebbaa fi abaarsa isin afoo kaaya; eebbi yoo ajaja Rabbii ka ani adha isinitti himu dhageettan; abaarsillee ajaja Rabbii Waaqa keessanii yoo dhagayuu diddan karaa ani adha isin ajaju kana irraa yoo gortanii fi waaqa tolfamaa biraa yoo hordoftan; yoo lafa Rabbi Waandhi kee akka dhaaltuuf sii kennetti galte eebba gaara Gaarizaanii, abaarsa gaara Geebaalii irratti labsita. Isaan biyya Kana'aanii ka galaana Yoordaanosiitiin gama worra karaa Arabaa gara baya biiftu'uutiin jiraatanii worra Gelgalaa afoo muka mooree biraati; lafa Rabbi Waandhi keessan isinii kennu dhaalu'uuf galaana Yoordaanosii ceetanii dhaaltanii irra jiraattan. Seeraa fi murtii ani adha isinii kennu maraa jabaadha'aa eegaa'a. «Seerrinii fi ajanyi biyya lafa Rabbi Waandhi keessan isinii kenne ta abboota keessanii kakate bara irra jiraattan irratti eeddan kanniin; ormi isin dhaaltan waaqa tolfamaa isaan waaqeffatan ka gaara irraa fi muka lalisaa jala jiraatan maraa sirima balleessaa'a; hulee ciincaa isaaniillee diigaa'a; soodduu isaaniillee caccabsaa'a; gaaddisa isaan jalatti waaqeffatanillee ibiddaan gubaa'a; fakii waaqa tolfamaa isaaniillee caccabsaa'a; maqaa isaaniillee hulee sanii balleessaa'a. «Rabbii Waaqa keessan afo'otti hujii akkanaa kana hin hojjatinaa'a. Garuu Rabbi Waandhi keessan maqaa ufii achi jiraachisu'uuf gosa maraa keessaa gara hulee Rabbi filatee san dhuftan hulee bultii isaallee hin soqattan. Ciincaa keessan ka ciincawu ciincaa biraallee ka ciincawu, kurneessoo keessan, kennaa keessan ka harkaan dhiyeessitan, woreega qabdan, kennaa fedha keessaniin dhiyeessitan, hangafa sa'aa fi hoolaa keessanii achi fida'aatii Rabbii Waaqa keessan afo'otti nyaadhaa'a; achitti Rabbii Waaqa keessan ka isin eebbise afo'otti maatii keessan woliin gammadaa'a. «Waan nama maraa afo'otti mishaa fakkaatee mudhate waan nu adha asitti goonu maraa hin godhinaa'a; gara hulee hara baafanna'aa fi lafa isinii kennuutitti haga ammaa waan hin galleef. Hennaa galaana Yoordaanosii ceetan lafa Rabbi Waandhi keessan isin dhaalchisu irra hennaa jiraattan sodaa malee akka jiraattaniif diintota keessan ka isin marsan afo'otti hennaa hara baafannaa isinii kenne, hennaa san maqaan Rabbii Waaqa keessanii akka waamamu gara hulee inni filatee sanitti waan isin ajaju maraa ciincaa keessan ka ciincawu ciincaa biraallee kurneessoo keessan, kennaa keessan ka harkaan dhiyeessitanii fi woreega Rabbiif qabdan maraa fidaa'a. Isin, ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa, garboonni teessan, hojjattoonni teessan ta intalaa, worri Leewwi'ii ka isin biratti lafaa fi gayee hin qabne worra isin bira jiraatan woliin gammadaa'a. Ciincaa kee ka ciincawu hulee ufii feetanitti akka hin ciincessine uf eegaa'a; garuu hulee namni gosa maraa keessaa namni tokko filetti ciincaa keessan dhiyeessaa'a; achitti waan ani isin ajaju maraa godhaa'a. «Garuu akkuma eebba Rabbi Waandhi kee sii kenneen akkuma ufii feetetti waan balbala kee jiru maraa qalii nyaadhu; namni qulqulluunii fi battaayaanillee kuruphe'ee fi gadamsa haa nyaatuu. Dhiiga garuu akka bisaaniititti lafatti jissi malee hin nyaatin. Kurneessoo midhaan keetiitii fi ka daadhii woyini'ii, kurneessoo sayitii kee ka ejersaa, hangafa sa'aa fi hoola keetii, woreega kee ka qabde maraa kennaa fedha keetiin kennituu fi kennaa midhaanii ka harkaan dhiyeessituu afoo balbala keetiititti hin nyaatin. Garuu ati, ijoollee tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, garboonni tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, worri Leewwi'ii ka qachoota kee keessa jiran woliin hulee Rabbi Waandhi kee filate Rabbii Waaqa kee afo'otti nyaadhaa'a; waan Rabbiin afo'otti gootu maraanuu gammadi. Bara lafa irra jiraattu marattuu worra Leewwi'iititti lash akka hin jenne uf eeggadhu. «Akkuma Rabbi Waandhi kee sitti hime hennaa inni biyya kee sii badhise yoo foon nyaachuu barbaadde akka fedha keetiititti foon nyaadhu. Rabbi Waandhi kee akka maqaa ufii achitti waamsisu huleen inni filate yoo si irraa fagaatellee hoola'aa fi sa'a Rabbi sii kenne keessaa akka ani ajajee fi akka fedha keetiitiin balbala mana keetiititti nyaadhu. Akkuma kuruphe'ee fi gadamsa nyaatanitti nyaadhu; namni qulqulluunii fi ka battaayellee haa nyaatuu. Garuu lubbuun isaanii dhiiga keessa waan jirtuuf dhiiga isaanii akka hin nyaanne uf eegi. Dhiiga isaanii akka bisaaniititti lafatti jissi malee hin nyaatin. Rabbiin afo'otti waan mishaa yoo gootu sii fi ijoollee tee ta si maayessaatiif wonti mishaan akka ta'u dhiiga isaanii hin nyaatin. Kanaafuu waan kee ka qulqullaayee woreega qabdellee qabadhuutii gara hulee Rabbi filatee dhaqi. Ciincaa kee ka ciincawu foonii fi dhiiga isaa Rabbii Waaqa kee afo'otti hulee ciinca'aa irratti ciincessi; dhiiga waan ciincessituu san hulee ciinca'aa ka Rabbii Waaqaa keetii irratti jissi; foon isaa garuu nyaadhu. Rabbii Waaqa kee afo'otti yoo waan misha'aa fi qajeelaa gootu sii fi ijoollee tee ta si maayessaatii wonti mishaan baraa haga bara baraa akka ta'u jechoota ani si ajaje kanniin maraa dhagayii eegi. «Hennaa Rabbi Waandhi kee gara lafa ati itti galu'uuf deemtuu sanitti orma si afo'oo balleesse atillee hennaa lafa isaanii dhaaltee irra jiraatte, isaan haga si afo'oo badaniin maayessa isaan hordofu'uuf hin dhama'in; ormi kunniin attamitti waaqa tolfamaa ufii waaqeffatan? anillee akkasuma akkuma isaan godhan san godha jettee waan waaqa tolfamaa isaanii akka hin gaafanne uf eegi. Waan isaan waan batti Rabbi jibbu maraa waaqa tolfamaa isaanii irratti hojjataniif ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa waaqa tolfamaa isaaniitiif ibiddaan waan gubaniif ati garuu Rabbii Waaqa keetiif akkas hin godhin. Waan ani adha si ajaju maraa godhu'uuf eegi; isa irratti womaa hin eda'in; womaa irraa hin dhidhisin. «Isin keessaa raanni yookaan namni eebjuu eebjotu ka'ee yoo malkataa fi maalalee huje; akkuma inni jedhe baafninii fi maalaleen sun yoo raawwatame, namichi baasaa fi maalalee hojjate sun yoo deemnee waaqa tolfamaa biraa ka ati hin beenne duukaa deemnee waaqeffannaa siin jedhe, Rabbi Waandhi keessan akka isin qalbii keessan guutu'uun isa jaalattan laalu'uuf waan isin qora'aaruuf jecha raatticha sanii yookaan nama eebjuu eebjotu san jalaa hin dhagayinaa'a. Rabbii Waaqa keessan duukaa deemaa'a; isa sodaadhaa'a; ajaja isaa eegaa'a; jecha isaa dhagayaa'a; isa waaqeffadhaa'a; isaan wolii galaa'a. Karaa Rabbiin Waandhi kee si ajaje irraa si balleessu'uuf, Rabbii Waaqa keessan ka garbummaa biyya Misiriitii isin baase irraa isin balleessu'uuf waan dubbateef raanni sun yookaan namni eebjuu eebjote sun haa ajjeefamuu; akkasuma waan badaa uf keessaa balleessi. Isa hin dhagayin; garaa isaa hin laafin; isaa hin dhiisin; isa hin dhossin. ajjeesiin malee; isa ajjeesu'uuf dura ati isa dhayi; achiin maayessa baniin maruu isa haa dhayuu; namni sun Rabbiin Waaqa kee ka garbummaa biyya Misiriitii si baase irraa si fageessuu waan barbaadeef haga inni du'utti dhaga'aan isa dhayi; worri Israa'elii maruu kana dhagayanii sodaatanii hujii badaa akkanaa kana deebi'anii isin keessatti hin hojjatan; Oduu jedhu yoo dhageette isaan soxxa, isaan qoratta, hin gaafatta, wonti kun yoo dhugaa ta'e, wonti badaan kun isin keessatti yoo dhugaa ta'ee argame namoota qachaa sanii guraadee qara qabuun isaan fixxa; qachattii, horii isii keessa jiru maraa guraadee qara qabuun balleessita. Meeshaa isi'ii maraa balbala qachattii saniititti wolitti qabdee Rabbii Waaqa keetiif ibiddaan gubda; baraa haga bara baraa qachaan sun ona taati; deebiteellee hin ijaaramtu; «Waan battaaye maraa hin nyaatin; horiin isin nyaattan Sangaa'a, Hoolaa, Re'ee, Borofa, Kuruphee, Siinqillee, Gadamsa, Qorkee, Hiddi'ii fi Saalaa fa'a. Horii keessaa wonti nyaattan ka kottee baqaqa'aa ka alala dhawu maraa hin nyaattan. Garuu worra alala dhayan yookaan ka kotteen isaanii baqaqa'aa wonti isin hin nyaanne kanniin; Gaala, Hilleettii, Osolee hin nyaattan alala hin dhayan; garuu kotteen isaanii baqaqaa waan hin taaneef kunniin isiniif batti'i; Booyyee kotteen isaa baqaqa qabaatullee waan alala hin dhoofneef isin biratti batti'i; foon isaa hin nyaatinaa'a; reeffa isaaniillee hin tuqinaa'a. «Wonti laga keessa jiraatu ka isin nyaattan waan koolaa fi qola qabu nyaadhaa'a. Waan koolaa fi qola hin qabne hin nyaatinaa'a; battii waan ta'aniif. «Allaattii maraa keessaa allaattii qulqulluu nyaadhaa'a. Wonti isin hin nyaanne kanniin; bajja, urunguu, abbaa mokkee, risaa, ebeeroo akka gosa isaaniitiin, haranqeessaa akka gosa isaaniitiin urunguu, huummoo, daakkiyyee, rumicha, laakkama, qottolloo, cuungulullee, shaalloo akka gosa isaaniitiin; guutulee, raaree fa'a. «Allaattii Samii irra bararu maraa battii waan ta'aniif hin nyaatinaa'a. Allaattii qulqulluu ta'an maraa nyaadhaa'a. Ati banii Rabbii Waaqa keetiif woyyoome waan taateef waan battaaye maraa hin nyaatin; nama sitti galee biyya kee keessa jiraatuu kennita; yookaan keessummaa keetitti gurguratta; foon ilmoo re'e'ee aannan haadha isaatiin hin affeelin. «Qonna kee keessaa sanyii wogga wogga'aan argattu maraa keessaa kurneessoo baafta; hennaa maraa Rabbii Waaqa kee sodaachuu akka barattu hulee inni maqaa ufii waamsisu'uuf filatetti kurneessoo midhaanii, kurneessoo daadhii woyini'iitii fi ka sayitii ejersaa, hangafa sa'aatii fi ka hoolaa keetii Rabbii Waaqa kee afo'otti nyaadhu. Hennaa Rabbi Waandhi kee si eebbise karaanillee yoo fagoo ta'e huleen Rabbi Waandhi kee maqaa ufii itti waamsisu'uuf filate sun yoo si irraa fagaatellee kana baadhattee achi fiduu yoo dadhabde hin gurgurta; horii itti gurgurte san guduunfitee harkatti qabattee gara hulee Rabbi Waandhi kee filatee san dhaxxa. Achitti horii sanniin waan ufii feete sangaa yookaan hoolaa'a, daadhii woyini'iitii fi dhuddoo jabaa'a, waan qalbiin tee feete maraa bittee Rabbii Waaqa kee afo'otti nyaatta; atii fi maatiin keellee hin gammaddan. «Worra Leewwotaa ka gaye'ee fi lafa biyya keetitti hin qabnetti lash hin jedhin. Woggaa sadeesso'oo dhumatti midhaan qonna keessanii maraa irraayyuu kurneessoo baasa'aatii qachoota keessan marattuu wolitti kuusaa'a; worri Leewwotaa si biratti gaye'ee fi lafa waan hin qabneef worri hiyyeeyyiin sitti galee biyya kee keessa jiraatu haati hiyyeessaallee dhufanii nyaatanii haa quufanii; wonti kana gootuuf Rabbi Waandhi kee hujii harka keetii maraa sii haa eebbisu'uuf. «Dhuma woggaa torbeesso'ootitti namootaa maraafuu liqaa dhiiftan; Seerri dhiifamsaa kana; ka liqeesse maruu waan goshoo ufiititti liqeesse hin dhiisaaf; Rabbi waan araara labseef waan liqeesse san goshoo ufii yookaan obboleessa ufii irra hin soqin. Waan keessumma'atti liqeessite soqachuu hin dandeetta; waan obboleessa kee irra jiru maraa hin dhiiftaaf. akkuma Rabbi Waandhi kee abdii sii kenne inni si eebbisa; banii maraa liqeessita; ati garuu hin liqeeffattu; orma heddu bulchita; si garuu hin bulchan. «Biyya Rabbi Waandhi kee sii kenne keessa worra jiraatan keessaa, obboleewwan tee keessaa, tokko yoo hiyyoome inni worra kee waan ta'eef isa gargaaru'uuf lash hin jedhin. Isa gargaaru'uuf harka keessan badhisa'aatii waan inni barbaadu liqeessa'aafii'i. Woggaan torbeesso'oo ka liqaa itti namaa dhiisan dhiyaateera jettee yaada hamaa hin yaadin; nama obboleessa kee hiyyeessaaf womaa hin kennine hin ta'in; ija bada'aan isa hin laalin; inni waan keetiif gara Rabbii akka hin boonne cubbuu akka sitti hin taane uf eegi. San caalaa garaa hanqoo malee waan isa barbaachisu maraa arjumma'aan kenniif; yoo kana goote Rabbi Waandhi kee waan kee maraa sii eebbisa. Yoomillee hiyyeessinii fi rakkataan lafa irraa waan hin dhabamneef rakkattootaa fi hiyyeeyyii biyya kee keessa jiranii fi ollaa keetiif akka harka kee hiixattu si ajaja. «Ati obboleessa kee nama Ibrootaa yookaan dubartii Ibrootaa akka sii hojjataniif galfatte isaan haga woggaa jahaa sii haa hojjatanii; woggaa torbeesso'ootitti bilisa isaan baasi; yoo isaan uf biraa bilisa baaftu harka qullaa isaan hin geegessin; horii kee keessaa, oobdii kee keessaa, cuunfaa woyini'ii kee keessaa isaanii kenni; haguma Rabbi Waandhi kee si eebbisetti isaa kennita. Atillee biyya Misiriititti garbicha akka turte; akka Rabbi Waandhi kee si oolche yaadadhu; kanaaf ani adha waan kana si ajaja. «Inni garuu si'ii fi maatii kee waan jaalateef si biratti wonti mishaan waan isaa ta'eef ani si biraa bawuu hin barbaadu yoo jedhe, ati mutaa fudhattee balbala mana keetii afo'otti gurra isaa woraanta; innillee baraa haga bara baraa garbicha sii ta'a; garbittii teellee akkasuma goota. Hennaa isaan uf biraa geegessitu hin gaabbin; waan isaan woggaa jahaa guutuu sii hojjataniiraniif gayee isaanii kenniifii isaan geegessi; Rabbi Waandhi kee hujii hojjattu maraa sii eebbisaa. «Waan hoolaanii fi saani kee dhalu kormaa Rabbii Waaqa keetii woyyoomsita; sangaa dura dhalateen womaa hin hojjatin; ka hoolaan goromummaa dhaltee Rabbii kennite rifeensa isaa hin haadin; hulee Rabbi Waandhi kee filatetti atii fi maatiin kee wogga wogga'aan Rabbii Waaqa kee afo'otti nyaadhaa'a; horiin sunniin ka mudaa qabu yookaan ka hokkolu yookaan ballaa, yookaan mudaa yoo qabaate Rabbii Waaqa keetii hin ciincessin; horii akkanaa kanniin manuma keessanitti nyaattan; namni qulqulluunii fi ka qulqulluu hin taanellee'e akkuma gadamsinii fi kurupheen nyaattamanitti horii kanniin nyaattan. Garuu dhiiga isaanii lafatti jissi malee hin nyaatin. «Jiini Abiibii ka Rabbi Waandhi kee halkaniin biyya Misiriitii itti si baase waan ta'eef ji'a Abiibii kana eegi; Rabbii Waaqa keetiif ayyaana faasika'aa itti ayyaanteffadhu. Hulee Rabbiin Waandhi kee maqaa ufii itti Waamsisu'uuf filatetti hoola'aa fi sa'a keessaa ciincaa ayyaana faasika'aa ciincessi; buddeena bukkaaye isa woliin hin nyaatin; waan biyya Misiriitii jarjaraan baateef guyyaa biyya Misiriitii itti baate san umurii kee marattuu akka yaadattu buddeena rakko'oo buddeena akka xorosho'ootitti hojjatame haga guyyaa torbaa ciincaa san woliin nyaadhu. Haga guyyaa torbaa biyya kee marattuu raacitiin hin argamin; foon guyyaa jalqabaa ciincaye haga boruutitti hin bulin. «Horiin ayyaana faasika'aatiif qalamu'uuf qophaaye huleen isin itti sanniin qaltan hulema feetanitti uduu hin taane hulee Rabbi Waandhi keessan isinii kenne calla'atti dhiyeessitan. Garuu hulee Rabbi Waandhi kee maqaa ufii itti waamsisu'uuf filate, ji'a Rabbi biyya Misiriitii si baase haga aduun dhiite galgala ayyaana faasika'aatiif ciincessi. Hulee Rabbi Waandhi kee filatetti bilcheessitee nyaatta; bariisaa kaatee gara daasee wol gayi'ii deemta; guyyaa jahaa buddeena akka xorosho'ootitti hojjatame nyaadhu; guyyaa torbeesso'ootitti Rabbii Waaqa keetiif guyyaa wol gayi'ii kanatti hujii maraa hin hojjatin. «Midhaan gaye guyyaa haamtu irraa jalqabiitii haga torbaan torbaa laakkayi; haguma Rabbi Waandhi kee si eebbiseen kennaa fedha keetiin Rabbii Waaqa keetii kennitu fiddee ayyaana hennaa midhaan galfattuu torba Rabbii Waaqa keetii ayyaanteffatta. Ati, ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, garboonni tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, worri Leewwi'ii ka biyya kee keessa jiru, hiyyeeyyiinii fi worri sitti galee si woliin jiraatu, haati hiyyeessaallee hulee Rabbi Waandhi kee itti waaqeffamu'uuf filatetti Rabbii Waaqa kee afo'otti woliin gammaddan. Atillee biyya Misiriititti garbicha akka turte yaadadhuutii seera kana eegii raawwadhu. «Oobdii kee keessaa sanyii cuunfaa woyinii keetii hennaa wolitti qabdu guyyaa torbaa ayyaana daase'ee ayyaanteffatta; ati, ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, garboonni tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, worri Leewwi'iitii fi namni sitti galee biyya kee keessa jiraatu, hiyyeeyyiinii fi haati hiyyeessaallee ayyaana kanaan gammadaa'a. Rabbi Waandhi kee sanyi'iin, hujii harka keetii maraanuu waan si eebbisuuf hulee Rabbi Waandhi kee filatetti guyyaa torbaa ayyaanteffatta; atillee guddiftee gammachu'uun ayyaana kabajjita. «Woggaa keessatti guyyaa sadihii ayyaana xorosho'oo, ayyaana hennaa midhaan haama'aa, ayyaana daase'ee guyyaa torbaaf ayyaanteffattan; ijoolleen dhiiraa tee maruu hulee Rabbi Waandhi kee filatetti haa mudhatanii; afoo Rabbiillee harka duwwaa hin dhufin. Akkuma eebba Rabbi Waandhi kee sii kennetti namni martinuu waan hunna ufii haa kennuu. «Biyya Rabbi Waandhi kee sii kennetti bulchoonni gosaa maruu akka gosa keetiitiin abbootii murti'iitii fi bulchoota muudi; isaan bani'iif murtee qajeelaa haa murteessanii; nama laaltee murtii hin dabsin; fuula laaltee wol hin caalchin; gatiin dhossa'aan kennamu ija beettotaa waan jaamsuuf; dubbii qajeellotaa waan dabsuuf nama irraa gabbarsuu hin fudhatin. Akka lubbu'uun jiraattu lafa Rabbi Waandhi kee sii kennu akka dhaaltu murtii dhuga'aa murteessi. «Hulee ciinca'aa ka ati Rabbii Waaqa keetii hojjattu biratti muka waaqeffatan kamiinillee hin dhaabin. Utubaa dhaga'aa ka Rabbi Waandhi kee jibbu ufiif hin dhaabatin. «Sangaa yookaan hoolaan mudaa qabu yookaan ka wonti hamaan irra jiru Rabbii Waaqa kee afo'otti ka jibbame waan ta'eef Rabbii Waaqa keetiif hin ciincessin. «Biyya Rabbi Waandhi kee sii kenne keessatti dhiira yoo ta'e dubartii namni Rabbiin afo'otti Waadaa diigee Rabbiin afo'otti yoo waan badaa hojjate, ka deemee waaqa tolfamaa biraa waaqeffate, ka waan ani isaan hin ajanye aduu, addeessaa fi duula Sami'ii maraa sagadee yoo argame waan kana dhufanii sitti himanii yoo dhageette, waan san qoradhuutii dhugaa yoo ta'e Israa'eliin keessatti battummaan hojjatame kun dhugaa ta'ee yoo argame, namoota waan hamaa hojjatan kanniin dhiira yookaan dubartii gara balbala keetii fiddee dhaga'aan dhooftee isaan ajjeefta. Nama namni lamaa yookaan namni sadihii itti rageesse ka murtiin du'aa itti murtaaye haa ajjeefamuu; ragaa nama tokkootiin akka hin duune. Isa ajjeesu'uuf dura namoonni isatti rage sunniin, maayessa garuu baniin maruu isa haa dhawuu; akkaataa kanaan waan badaa maraa uf keessaa balleessi. Yoo waan dhiigaatii fi waan dhiigaa, waan murti'ii waan mada'aa biyya kee keessatti namoonni irratti waan wol mormaniif murtiin ati murteessitee hin dandeenne yoo ati kaatee hulee Rabbi Waandhi kee filate dhaxxee, worra gadoota, Leewwotaatii fi abboota murti'ii ka bara san filaman bira dhaxxee gaafatta; isaanillee waan murtii sanii sitti himan. Atillee murtii isaan sitti himan san hulee Rabbi Waandhi kee filatetti raawwatta; akkuma isaan si barsiisanitti eegii raawwadhu. Atillee seera isaan si barsiisanii fi murtii isaan sitti himan irraa bita'aa fi mirga hin gorin. Namni kamuu yoo uf jaje achitti gadootaa fi abboota murti'ii ka Rabbiin tajaajilu'uuf dhaabatan jalaa dhagawuu yoo dide namni sun haa ajjeefamuu; worra Israa'elii keessaa waan hamaa balleessi. Akkaataa kanaan baniin maruu dhagayee sodaata; achiin maayessa namni kamuu uf hin jaju. «Hennaa biyya Rabbi Waandhi kee sii kennetti galtee dhaalteen maayessa; hennaa isii keessa jiraattu akkuma orma naannoo kiyya jiruu mootii uf irratti moosisuu yoo barbaadde, nama Rabbi Waandhi kee filate uf irratti moosifta; nama obboleewwan kee keessaa uf irratti moosifta; nama obboleessa kee hin taane gosa biraa keessaa uf irratti hin moosisin. Mootiin sunillee duula ufiitii fi nama faradoo baay'ee qabu hin ta'in; faradoollee bitu'uuf nama nama gara biyya Misirii ergu hin ta'in; Rabbi banii ufii akka achi hin deebine waan ajajeeruuf. Mootichi Rabbiin woliin ta'uu irraa waan isa deebisuuf nama haadha manaa baay'ee qabu hin ta'in; worqi'ii fi birrii hin baay'eeffatin. Hennaa mootii ta'ee teessoo irra taa'e seera kana gadoota, Leewwota irraa fuudhee kitaaba ufii keessatti haa katabuu; «Gadoonni worra Leewwi'iitii fi gofti worra Leewwi'ii maruu worra Israa'elii biratti gaye'ee fi lafallee hin qabaatan; ciincaa ibiddaan Rabbii ciincawu ka worra Israa'elii nyaatan. Obboleewwan ufii birattillee lafa hin qaban; akkuma Rabbi isaanitti hime gayeen lafa isaanii Rabbuma. «Hennaa horiin gaafa qabu yookaan hoolaan ciincawu irree, boqoo lamaanii fi garaacha gadootaa kennitan. Hangafa kennaa midhaanii, ka daadhii woyini'ii, ka sayiti'iitii fi rifeensa hoola'aa ka dura muramellee gadichaa kennitan. Wonti isin kana gootaniif akka inni ijoollee ufii maraa woliin ka'ee baraa haga bara baraa Rabbii hojjatuuf; Rabbi Waandhi kee gosa maraa keessaa waan isa filateef. «Namni Leewwi'ii tokko biyya Israa'elii qachaa kamiin keessaayyuu ka'ee hulee Rabbi itti waaqeffamu dhufuu yoo barbaade, Waan worri Leewwotaa achitti hojjatan innillee hojjachu'uun Rabbiin haa tajaajiluu; dhiyana gadoonni kuuwwanillee argatan innillee hin argata; waan maatii isaa irraa argamuunillee fayyadamuu hin danda'a. Hennaa gara biyya Rabbi Waandhi kee sii kennuu galte waan battii worri ormaa sunniin hojjatan hin hojjatin. Ka mucaa ufiitii fi mucatti ufii ciincessu'uuf dhiyeessu, mortuun, ka moora laalu, ka asmaa hojjatu, ka mita hojjatu, ka ziirii hojjatu, ka ekeraa dubbisu, ka barjii laalu, ka hafuura hamaa waamu si keessatti hin argamin. Namni waan akkanaa kana godhu maruu Rabbiin afo'otti jibbama'a; kanaafuu Rabbi waan battii isin afo'oo balleessa. Ati garuu Rabbii Waaqa kee afo'otti amanamaa ta'i.» Kanaan maayessa Muuseen akkana jedhe, «Ormi ati dhaaltu kunniin worra moora laalanii fi worra mortuu caqasan; ati garuu akka waan kana hin goone Rabbi Waandhi kee si dhooggeera. «Rabbi Waandhi keessan gosa keessan jiddu'uu raagaa akka kiyyaa filee isinii kaasaa waan inni isiniin jedhe maraa caqasu'uun worra ajajamtan ta'aa'a; guyyaa gaara Siina'aa irratti wolitti qabamtan hin duuna jettanii sodaattanii Rabbi deebi'ee akka isinitti hin dubbanneef waan mudhata ibidda sodaachisuu akka hin argineef gaafattanii turtan; Rabbi akkana naan jedhe; wonti isaan dubbatan misha'a. Obboleewwan isaanii keessaa raagaa akka keetii isaanii kenna; jecha kiyyallee afaan isaa keessa kaaya; jecha ani isa ajaje maraa isaanitti hima. Namni dubbii maqaa kiyyaan isatti himame hin dhageenne ani haluu baasaaf. Garuu namni waan ani isa hin ajanye maqaa kiyyaan uggaan dubbatu yookaan raanni maqaa waaqolee tolfamaa biraatiin dubbatu haa ajjeefamuu. « ‹Dubbiin raagaa ka raanni tokko dubbatu ka Waaqa irraa hin kennamne ta'uu maali'iin adda baafnee beenna?› jettanii gaafachuu dandeettan. Raanni sun maqaa Rabbiitiin raaga dubbatee uduu hin raawwatamne yoo hafe raanni raagame sun ka Rabbiin irraa kennamee miti; raagaan dubbate sun ufuma irraa waan dubbateef isa hin sodaatin. «Hennaa biyya Rabbi Waandhi keessan isinii kennu irratti orma lafa san irra jiraatan balleessu qachootaa fi manniin isaanii dhaaltanii keessa jiraachuu jalqabdaniin maayessa, Lafa Rabbi Waandhi kee sii kennu keessatti qachoota sadihii ufiif adda baafatta. Karaa namni dhiigaa dheessee itti galu qopheessita; lafa Rabbi Waandhi kee si dhaalchisu hulee sadihitti addaan qoodda. Seerri nama nama ajjeesee kana; uduu gadoo isaan hin ta'in tasa dunnuu goshoo ufii yoo ajjeese gara qachoota sanniinii dheessee haa jiraatuu; Kanaaf qachoota sadihii adda baafadhu jedhee sitti hime. «Akkuma Rabbi Waandhi kee abboota keetii kakate daangaa kee yoo sii badhise lafa abboota keetii kennu'uuf kakate san maraa yoo sii badhise lafa abboota keetii kennu'uuf kakate san maraa yoo sii kenne akka «Namni tokko garuu yoo goshoo ufii jibbe, haluu itti bawu'uuf riphee haga inni du'utti yoo isa dhayee qachoota kanniin keessa gara qachaa takkaa dheesse, jaarsota gara qachaa sanii erganii qachaa inni itti dhokate san keessaa isa baasanii akka inni du'u nama fira namicha du'eetitti dabarsanii isa kennan, uduu garaa isaa hin laafin waa maraanuu akka wonti mishaan isinii ta'u nama dhiigaa san Israa'eliin keessaa baasaa'a. «lafa Rabbi Waandhi kee akka ati dhaaltuuf sii kenne lafa itti galtee dhaaltu san daangaa goshoo keetii ka namoonni duraa dhaaban hin buqqisin. «Yakka nama tokkoo mirkaneessu'uuf ragaan nama tokkoo hin gawu; namni tokko yakkamaa ta'uun isaa ka beekkamu yoo diqqaate ragaa nama lamaa yookaan ragaa nama sadihiitiin mirkanaaya. Namni tokko nama biraa dharaan himatee isa miidhuu yoo barbaade; gadoota bara san waa murteessan bira dhaqanii hulee Rabbiin itti waaqeffatanitti murtii ufii haa fudhatanii. Gadoonni waa murteessan sunniinillee gad qabanii qoratan; ragaan inni obboleessa ufii irratti ragu sun yoo dhara ta'e, wonti obboleessa ufii irratti godhu'uuf yaade sun nama dhara rage sanitti deebi'a; akka kanaan waan badaa uf keessaa baaftan. Namoonni hafanillee kana dhagayanii sodaatan; wonti badaan akkanaa kun lamuu isin keessatti hin argamu; garaa isaanii hin laafin; lubbuu lubbu'uun, waan ijaa ijaan, waan ilkaanii ilkaaniin, waan harkaa harkaan, wonti lukaa lukumaan deebi'a. «Hennaa diina keessaniin lolu'uuf yaatan faradoo, konkolaataa fardaatii fi banii isin caalu yoo argite Rabbi Waandhi kee ka biyya Misiriitii si baase si woliin waan jiruuf isaan hin sodaatin; duula bira yoo geettan gadichi dhufee bani'itti akkana jedhee haa dubbatuu; ‹Namoota Israa'elii! dhagayaa'a! adha diina keessaniin lolu'uuf baatanii hin sodaatinaa'a! hin raafaminaa'a; hin hollatinaa'a isaan afo'ottillee hin nayinaa'a! ka isin woliin deemu ka diina keessaniin lolee isin oolchu Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef.› «Kanaan maayessa bulchoonnillee bani'itti dhufanii, «Namni tokko mana haarawa ijaaratee ka hin eebbisiifanne yoo duula kana keessa jiraate duulatti akka hin duune deebi'ee gara mana ufii haa deebi'uu; Namni woyinii dhaabatee daraaraa isaa hin nyaanne yoo isin keessa jiraate inni duula keessatti akka hin duune daraaraa isaa sanillee namni biraa akka hin nyaanne inni gara mana ufii haa deebi'uu; namni intala qaadhimatee hin fuune yoo isin keessa jiraate duula keessatti du'ee ta inni qaadhimate san namni biraa akka hin fuune deebi'ee gara mana ufii haa deebi'uu» jedhaniin. «Worri bulchootaa ammallee deebi'anii bani'iin ‹Isin keessaa eennullee namni nawuu fi nunni yoo isin keessa jiraate inni sodaatee obboleewwan ufiillee akka hin sodaachifne inni deebi'ee gara mana ufii haa galuu› jedhanii bani'itti haa himanii. Bulchoonnillee haga bani'itti himanii fixaniin maayessa loltoota maraa irratti ajajoota loltootaa haa muudanii. «Hennaa lolaaf gara qachaa takkaa seentu dura firrisiitii laagaa araaraatiin isaan waami; lagaa kee san dhagayanii yoo balbala si jalaa banan baniin qachaa san keessa jiru maruu si haa gabbaruu; si haa tajaajiluu; garuu jecha araaraa san dhagayanii yoo sii deebisuu didan yoo sitti duuluu fedhan ati qachattii san marsitee isii rakkifta. Hennaa Rabbi Waandhi kee qachattii san sii kenne dhiira qachaa san keessa jiru maraa guraadee qara qabuun fixxa; garuu dubartii, daa'imman, loon, waan qachaa san keessa jiru ka boojite maraa ufii fudhatta; boojuu diina keetii ka Rabbi Waandhi kee sii kennu nyaatta. qachoota banii kanaa ka hin taane ka si irraa fagaatanillee akkasuma goota. «Garuu qachoota banii kanniinii ka Rabbi Waandhi kee dabarsee sii kennu keessatti waan lubbuu qabu tokkollee uduu hin hambifne ajjeesi. «Qachaa san fudhachu'uuf guyyaa baay'ee marsitee isii rakkiftee guraadee kee baafattee muka isaanii ka daraaraa kennu hin murin; munni waa nama ta'ee? atillee waan isa irraa nyaattuuf; Muka nyaataaf hin taane ka isin beettan murtanii balleessitan; qachattii san haga balleessitanitti kushee ittiin ijaarattan. «Lafa Rabbi Waandhi kee sii kennee dhaaltu irratti nama du'e yoo raasa'atti argite, namni isa ajjeese sun yoo hin beekkamne; jaarsonni keessanii fi abboonni murti'ii teessan dhaqanii hulee reeffi itti kufee kaasanii haga naannaya qachaa maraatuu fageenna isaa haa bikkanii, achiin maayessa jaarsonni qachaa hulee namichi itti du'eetitti dhiyaattu raada takka ta hujii hin geenne, ta qambaraan irra hin kaayamne fuudhanii gara hulee dhooqa bisaan hin jirree ka hin qotamnee fi ka sanyiin itti hin facaanee raada san qabatanii dhaqanii dhooqa san keessatti morma raada sanii cabsan. Gadoonni ijoollee Leewwi'ii dhufanii Rabbiin afo'otti akka tajaajilan maqaa isaatiin akka goorra'an Rabbi Waandhi waan isaan filateeruuf jecha isaan dubbataniin mormiin maruu, miidhaan maruu waan cituuf, qachaa naannaya namni sun itti du'ee biratti jaarsonni maruu raada dhooqa keessatti mormi isi'ii cabe irratti harka ufii haa dhiqatanii; akkanallee jedhanii yaada ufii haa ibsanii, ‹Nu dhiiga nama kanaa hin jissine, nama isa jissellee hin argine, yabo'oo banii Israa'elii irratti yakka dhiiga kanaa hin laakkayin› jedhanii dubbatan; banii Israa'eliitiillee hin dhiifama. Akkaataa kanaan waan Rabbi isin ajaje maraa yoo gootan yakkaa fi cubbuu nama du'eetiif hin gaafatamtan. «Hennaa diina keetiin lolu'uuf baate, hennaa Rabbi Waandhi kee dabarsee sii kenne, hennaa isaan boojite, Worra booji'aman keessatti intala bareeddu yoo argitee isii jaalattee hawwitee, fuudhuu yoo barbaadde, gara mana keetii isii fidda; isiinillee mataa ufii hin haadatti; qeensa ufiillee hin muratti, uffata ittiin booji'amtellee hin jijjiiratti; mana kee teettee abbaa ufiitii fi haadha ufiitii haga ji'a tokkoo bootti; achiin maayessa ati isii bira geetta; ati isi'ii abbaa worraa taata. Achiin maayessa yoo isiin sitti toluu baatte bilisa isii baaftee gara isiin barbaadde geegessita; garuu gati'itti isii hin gurguratin; waan isii shingeessiteef akka garbitti'iititti isii hin laakkayin. Namni tokko haadha manaa lama fuudhee takka jaalatee ta lammeesso'oo yoo jibbe isaan lachuu yoo ijoollee dhiiraa dayan ilmi dhiiraa ka hangafaa ka intala inni jibbu sanii yoo ta'e, guyyaa inni horii ufii ijoollee ufiitii qoodu ilma intala ufii jaalatuu san akka hangafaatitti hin laakkayin; garuu horii ufii keessaa dachaa lamaa isaa kennee ilma intala inni jibbu irraa dhalate san hangafa akka ta'e haa beessisuu; waan ilmi sun ilma isaa ka duraa ta'eef. «Eennullee ilma abba'aa fi haadhaa hin ajajamne morkataa yoo qabaatan; abbaanii fi haati isaa ilma san qabatanii murti'iif gara hulee jaarsonni jiranii haa fidanii, jaarsota biyyaatiinillee, ‹Ilmi keenna kun morkata'aa fi dhiba'a; nuu hin ajajamu; nama horii balleesuu fi machaaya'a› haa jedhaniinii. Namoonni qachaa sanii maruu haga inni du'utti dhaga'aan isa haa dhayanii; akka kanaan waan badaa jidduu keessanii balleessitan; worri Israa'elii maruu kana dhagayanii sodaatan. «Eennullee cubbuu du'aaf isa geessu yoo hojjate yoo du'a itti murteessitee muka irratti isa fannifte; namni muka irratti fannifame Rabbii Waaqa afo'otti abaaramaa waan ta'eef reeffa isaa muka irra hin bulchin; garuu lafa Rabbi Waandhi kee sii kennu akka hin batteessine reeffa san guyyama san awwaali. «Sangaa yookaan hoolaa obboleessa keetii ka bade yoo argite cadhiftee bira hin lufin; obboleessi kee yoo dhiyoo hin jiraanne, yookaan yoo abbaa horii sanii hin beennee ooftee gara qe'ee keetii galtaan; haga namni horiin jalaa bade sun dhufuu sima bira taa'a; yoo inni dhufe hin deebiftaaf; harreenii fi uffanni isaa yoo jalaa bade nama gosa Israa'elii maraafuu akkasuma goota; hin cadhisinille'e; «Sangaan yookaan harreen obboleessa keetii karaa keessatti ka kufe yoo argite abbama hori'ii san woliin lafaa kaasi, cadhiftee bira hin lufin. «Intalti uffata dhiiraa hin uffatin, dhiirtillee uffata intalaa hin uffatin; namni waan kana godhu Rabbii Waaqa kee biratti jibbamaa waan ta'eef. «Yoo imala deemtu muka yookaan karaa irratti maandhee simbiraa ta simbirti ilmoolee ufii ammattu yookaan kallee ufii irra teettu yoo argite haadha isi'ii ilmoolee isi'ii woliin hin fudhatin; garuu akka wonti mishaan sii ta'u akka umuriin kee sii dheeratu haadha gad dhiisiitii ilmoolee isi'ii fudhu. «Hennaa mana haarawa ijaartu eennullee isa irraa kufee dhiinni mana kee irra akka hin taane naannaya ginnoo keetii irratti qabdoo itti tolchi. «Biqiltuu kee ka woyini'ii keessatti sanyii bifa lamaa hin facaasin; yoo facaafte garuu woyini'ii fi sanyii biraatittillee fayyadamuu hin dandeettu. «Sanga'aa fi harree wolitti xamaddee hin qotiniin. «Uffata talba'aa fi rifeensa hoola'aatiin hojjatame hin uffatin. «Uffata uffattu gara arfanittuu handaara itti godhi. «Eennullee durba fuudhee haga bira gayen maayessa jibbee waan hamaa yoo dubbate, ‹ani isii fuudhee haadha mana taasifadhe; hennaa isii bira gaye durbummaa hin qabdu› jedhee sobaan yoo maqaa isii balleesse Abbaanii fi haati mucattii sanii malkata durbummaa isi'ii fuudhanii hulee jaarsonni jiranitti haa fidanii; abbaan mucatti'ii jaarsotaan, ‹Ani mucattii tana isatti heerumsiise, inni garuu hin jibbe; mucaan garuu deebisee abbaa mucatti'iitiin, ‹ani mucattii tee irratti durbummaa hin argine› jedhee jecha sobaa yoo dubbate, abbaan mucatti'ii garuu malkanni mucattii tiyyaa kunooti!› isaaniin jedhee malkata shaashii irraa isaanitti mudhisa; jaarsonni qachattii sanii mucaa san qabanii tuma'aan haa adabanii. Durba Israa'elii maqaa waan balleesseef birrii saqilii dhibbaa abbaa mucatti'iitii haa kaffalchiisanii; mucattiinillee haadha manaa isaa haa taatuu; mucaanillee bara lubbu'uun jiru maraa isii hiikuu hin danda'u. Garuu wonti inni himate yoo dhugaa ta'ee mucattiin yoo durba ta'uu baatte, isii gara qe'ee abba'aa haa fidanii; baniin qachattii isiin keessa jiraattuu sun dhaga'aan tumanii isii haa ajjeesanii; sababaanillee isiin mana abba'aa uduu jirtu heerumaan dura nama biraa woliin ciiftee banii keenna jiddu'utti waan shingaa hojjateef akka kanaan waan hamaa akkanaa balleessuu dandeettan. Eennullee haadha manaa nama biraa woliin ciisee yoo argame ka seebaree fi ta sebartellee lamaanuu haa ajjeefamanii; akka kanaan waan hamaa Israa'eliin keessaa balleessitan. Eennullee durba durbummaa qabdu qaadhimatee namni biraa qachaa keessatti isii argee yoo bira gaye, isaan lamaanuu qachattii keessaa gara raasa'aa baasa'aatii dhaga'aan tuma'aa ajjeessaa'a; sababaan mucattiin durbaa duuteef akka namni qachattii san keessa jiru dhagayutti akka namnillee bayee isii gargaaru waan iyyuu diddeef; mucaanillee wonti du'eef intala nama biraatiif qaadhimamte waan bira gayeef; akka kanaan waan hamaa Israa'eliin keessaa balleessitan. Garuu durba nama biraatiif qaadhimamte raasa'atti argee hunnaan qabee yoo bira gaye namni sun hojjuma isaatitti tumamee haa ajjeefamuu. Mucattii san garuu hin tuqinaa'a; isiin cubbuu du'aaf isii geessu waan hin hojjanneef wonti kun akkuma namni dimmaa ka'ee goshoo ufii ajjeesuuti, inni hennaa raasa'atti isii argee hunnaan qabee bira gayu yoo isiin iyyitu namni waan hin dhageenneef. «Eennullee intala nama biraatiif hin qaadhimamne argee yoo bira gaye garuu inni, abbaa mucattii saniitii gatii qaadhimaa saqilii shantamaa haa kennuu; isiinillee nama sanii haadha manaa taatee haa jiraattuu; sababaanillee hunnaan qabee waan bira gayeef bara jiraatu maraa isii hiikuu hin danda'u. «Eennullee haadha manaa abbaa ufii bira hin gayin; qaccee uffata isi'iillee hin tuqin. «Namni qaamni saala isaa ka hormaataa tumame yookaan murame gara gumii Rabbii akka hin seenne. «Namni abbaa hin beekkamnee dhalate maruu haga dhaloota kudhanii gara gumii Rabbii seenee akka hin laakkayamne. «Gosa Amoonii, gosa Moo'aabii yookaan ka fiixaa isaanii ta'e maruu haga dhaloota kudhanii gumii Rabbii keessa seenee akka hin makamne; sababaanillee isin hennaa biyya Misirii keessaa baatanii karaa deema'aa turtan isaan midhaanii fi bisaan hin kenninu jedhanii akka isin dhooggatan waan hin daganneef, namni qachaa Mesephexoomiyaa ta paator jedhamtee waamantu keessa jiraata'aa ture ilmi Bi'oorii Bala'aam haa isin abaaru'uuf hori'iin qaxaree ture. Garuu Rabbi Waandhi keessan jecha Bala'aamii dhagayuu hin barbaanne; Rabbi Waandhi abaarsa san gara eebbaa jijjiire; sababaanillee waan isin jaalatuuf. Isin bara jireenna keessanii maraa baniin kunniin dureeyyi'ii fi worra nagayaan jiraatan akka ta'an hin gargaarinaa'a. «Namni gosa Eedoomii obboleessa kee waan ta'eef hin ceem'iniin; nama biyya Misiriillee biyya isaa keessatti galtee waan jiraatteef hin ceem'iniin. Isaan keessaa dhaloota sadeesso'oon maayessa fiixaan isaanii gumii Rabbii keessa seenanii haa laakkayamanii. «Hennaa diina kee woraanu'uuf baate nafa kee waan hamaa maraa irraa eegi. Namni tokko halkan eebju'uun akka waan seebaree jiidha qaama ufii irratti yoo arge qe'e'ee haa bawuu; isinitti hin makamin. Hennaa lafti dhiite nafa ufii dhiqatee gara qe'e'ee haa deebi'uu. «Hulee itti fincaantan qe'e'een alatti midhaaffadhaa'a; Hennaa fincaantan lafa qottanii awwaalu'uuf waan isin gargaaru qottoo, mi'a woliin harkatti qabadhaa'a. Rabbi Waandhi kee si fayyisu'uuf diintota kee dabarsee sii kennu'uuf qe'ee kee keessa waan lufuuf kana waan shingaa si irratti argee fuula ufii gara biraa akka hin deebifanne qe'een kee ka qulqullaaye haa ta'uu. «Hojjataan gooftaa tokkoo dheessee gara kee yoo dhufe uf irraa hin ari'in. Qachoota kee keessaa qachaa filate keessa haa taa'uu; atillee isa hin rakkisin. «Israa'eliin keessatti dubartiin seebartuu fi dhiirti seebaru hin argamin; Rabbi waan seebara jibbuuf dhiiraa fi intaltillee gatii waan kanaan argatan maraa woreegallee yoo ta'e gara mana Rabbii Waaqa keetii hin fidin; lamaanuu Rabbii Waaqa kee afo'otti battii waan ta'aniif. «Obboleessa keetitti dhalaan hin liqeessin; dhala birri'ii, ka midhaanii, yookaan waan kamiin irraayyuu hin fudhatin. Nama ormaatiif dhalaan liqeessi; garuu gara biyya Rabbi Waandhi kee si dhaalchisu'uuf itti si galchu sanitti hujii kee maraanuu akka si eebbisuuf obboleessa keetitti dhalaan hin liqeessin. «Hennaa Rabbii Waaqa keetiif woreega qabatte woreega galte san waan si irraa barbaaduuf cubbuu waan sitti ta'uuf henna'aan kaffaliif. garuu yoo woreeguu baatte cubbuu sii hin qabu. Waan afaan keetiin dubbatte Rabbii Waaqa keetiif fedha keetiin waan woreega galteef waan afaan keetii baye raawwadhu. «Gara hulee dhaaba woyinii goshoo keetii yoo dhaxxe haga quuftutti woyinii san irraa nyaadhu; garuu woyinii san irraa womaa meesha kee keessa hin kaayin. Gara hulee qonna goshoo keetii hennaa dhaxxe asheeta harka keetiin murii nyaadhu; gara midhaan goshoo keetii ka hin haamamnee garuu seentee hin haamin. «Namni tokko durba qaadhimatee haga fuudheen maayessa waan isii irratti hin jaalanne yoo arge waan kanaaf sababaa wol hiikuu isaanii ibsu katabbii katabee isi'ii kennee mana ufiitii isii haa baasuu. Mana isaatii haga baateen maayessa dhiira biraatitti yoo heerumte, abbaan worraa ka lammeesso'oollee yoo isii jibbe katabbii wol hiikaniin katabee isi'ii kennee yoo manaa baase yookaan abbaan worraa lammeesso'oo yoo du'e, Abbaan worraa ka duraa isii ari'e sun haga battoofteen maayii deebisee isii galfachuu isa hin barbaachisu; kun Rabbiin biratti jibbamaa waan ta'eef; lafa Rabbi Waandhi kee sii kenne hin xureessin. «Namni tokko dhiyeenna intala fuudhee uduu idaayyumma'aan jiru lolaaf hin bayin; dhiibbaa kamiin irraallee bilisa haa ta'uu; garuu fedha ufiitiin haga woggaa tokkoo mana ufii taa'ee ta fuudhe san haa gammachiisuu. «Nama tokkoof hennaa waan tokko liqeessite waan itti liqeessite saniif qabdii dhagaa daaku'uu yookaan majjee jalaa hin fudhatin; kana godhuun kee akka waan jireenna isaa akka qabdi'iititti qabatteetitti laakkayama. «Eennullee ijoollee Israa'elii obboleewwan ufii keessaa nama tokko hatee garbicha yoo godhate yookaan yoo uduu gurguratu argame hattichi haa ajjeefamuu; akka kanaan waan hamaa uf keessaa baafta. «Waan dhukkuba gogaa kukkutuu, waan gadoonni Leewwotaa si barsiisan maraa raawwattee akka eedduu fi raawwattu uf eegi. Hennaa Rabbi Waandhi kee biyya Misiriitii si baase karaa irratti waan Maariyaamiin irratti ta'e yaadadhaa'a. «Hennaa goshoo keetii waa liqeessite waan liqaa saniitiif waa jalaa qabachu'uuf mana isaa hin seenin. Diidatti eegiin; namichi ati liqaa itti liqeessite sun bikka liqaa sanii qabdii san sii haa fiduu. Yoo namichi sun hiyyeessa ta'e waan jalaa qabatte uf bira hin bulchin. Akka uffatee bulu, akka si eebbisu uduu aduun hin dhiine waan jalaa qabatte san deebisiif; Rabbii Waaqa kee afo'otti akka qajeellumma'aatitti sii laallamaa. «Nama Israa'elii yoo ta'e, yookaan qachoota biyya keetii keessaa qachaa tokkotti dhalataa biyya biraa achitti hiyyeessaa fi rakkataa ta'ee ka laallamu nama kamiinuu hin saamin. Gatii inni guyyaa guyya'aan hojjata'aa argatu uduu aduun hin dhiine kenniif; sababaanillee inni hiyyeessa waan ta'eef qarshii san argachu'uuf yaadaan eeggata; yoo kaffalu'uufii baatte garuu Rabbitti si himata; ati yakkamaa taata. «Abboonni yakka ijoolle'eetiif hin ajjeefamin; ijoolleenillee yakka abbootaatiif hin du'in; namni maruu waan cubbuu ufiitiif haa ajjeefamuu. «Murtii nama diidaa isinitti galeetii fi ka hiyyeessaa hin dabsin; uffata haadha hiyyeessaa jalaa hin qabatin. Ati biyya Misirii keessa garbicha akka turte Rabbi Waandhi kee akka achii si baase yaadi; kanaafuu waan kana akka gootuuf ani si ajajeera. «Hennaa midhaan kee haamattee qixiraa qonna keessatti yoo irraanfattee biraa lixxe, san fuudhu'uuf uf irra hin deebi'in; Rabbi Waandhi kee hujii harka keetii maraa akka sii eebbisuuf galaa isinitti galee jiraatu, ijoollee maatii hin qabne, hiyyeessaa fi haadha hiyyeessaatii dhiisi. Daraaraa muka ejjersaa irraa hennaa tokko yoo harcaaftee guurteen maayessa daraaraa hafe guurachu'uuf hin deebi'in; galaa, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabnee fi dubartoota abbaa worraa hin qabneef dhiisi. Yoo daraaraa woyinii keetii guurtu daraaraa hafe guuru'uuf gara woyini'ii hin deebi'in; daraaraa hafe san galaa, ijoollee abbaa fi haadha hin qabnee fi dubartoota abbaa worraa hin qabneef dhiisi. Ati biyya Misirii keessatti garbicha akka turte yaadi; kanaafuu waan kana akka gootuuf ani si ajajeera. «Namni lamaa wol lolee falmi'iif gara mama murti'ii yoo dhufan abboonni murti'ii miidhamaa bilisa; ka miidhe garuu yakkamaa jedhanii haa murteessanii; namni yakka uume sun tuma'aan akka adabamu gara'aan lafa irra ciibsanii dudda isaa akka tuman abbaan murti'ii haa ajaju; laakkobsi tuma'aa ka murtaayu haga yakka hojjateetiin; harka afurtamaa haa tumamuu; afurtama hin caalin achii ol yoo tumame obboleessi kee afoo keetitti waan salphatuuf. «Sangaa midhaan ayiidu afaan hin hidhin. «Obboleewwan woliin jiraatan tokkochi uduu hin uumanne yoo du'e, haati manaa namicha du'ee sun ka biraatitti heerumu'uuf diida hin bayin; obboleessi abbaa worraa isi'ii isii fuudhee woliin haa jiraatuu malee; maqaan nama du'ee sun Israa'eliin keessaa akka hin banne finna hangafa dhalatu maqaa obboleessa isaa ka du'eetiin haa waamamuu; Garuu obboleessi ka du'ee sun isii yoo fuudhuu dide gara bulchoota qachatti'ii dhaxxee ‹obboleessi abbaa worraa kiyyaa waan isa irraa eeggamu godhuu dide Israa'eliin keessatti obboleessa du'e saniif fiixaa hambisuu dhabe› jettee haa himattuu. Achiin maayessa bulchoonni qachattii sanii namicha san waamanii haa dubbisanii ammallee deebi'ee isii fuudhuu hin barbaadu yoo jedhe, intalti namicha du'ee sun afoo bulchoota qachatti'ii sanitti gara isaa dhaxxee kophee miila isaa irraa tokkicha baaftee hancufa fuula isaatitti tuftee ‹nama obboleessa ufiitiif fiixaa hin hambisu jedhu akkanatti salphata› jettee haa dubbattuu; Israa'eliin biratti maqaan isaa ‹maatii mana nama kopheen irraa mulqamee› jedhamee haa waamamuu. «Namoonni lamaan yoo wol lolan haati manaa ka tokkichaa abbaa worraa ufii gargaartee dhaluu namicha abbaa worraa isi'ii dhaya'aaruu san yoo qabde, gara nyaattoo malee harki isi'ii haa muramuu. «Nama gowwoomsu'uuf qaraciitii kee keessa madaalli lamaa gudda'aa fi diqqaa hin kaayin. «Mana kee keessallee madaala gudda'aa fi diqqa'aan hin safarin; «Hennaa biyya Misirii keessaa baatan waan worri gosa Amaaleqii karaa irratti isin irra geesse yaadadhu; isaan worra Rabbiin hin sodaanne waan ta'aniif karaa irratti si morman; atillee dadhabdee worra dadhabanii siin maayessa hafan maraa balaa itti buusan. Kanaafuu lafa Rabbi Waandhi kee akka ati dhaaltuuf sii kenne irratti diintota si marsu maraa irraa Rabbi Waandhi kee hennaa hara si baafachiisee worra Amaaleeqii lafa irraa balleessuu sirima hin irraanfatin. «Lafa Rabbi Waandhi kee sii kennutti yoo galte; Lafa san irraa sanyii argattu maraa irraa kennaa kee ka duraa fuudhii keeshe'etti buusii gara hulee Rabbi Waandhi kee filatee fidi; gara gadicha bara san jiruu dhaxxee, ‹Lafa Rabbi abboota keennaa kakatetti adha akka galle Rabbii Waaqa kee afo'otti adha sii mirkaneessa› jedhiin. «Gadichillee keeshee kee si harkaa fuudhee hulee ciinca'aa Rabbii Waaqa kee afoo haa fiduu; Achiin maayessa Rabbii Waaqa kee afo'otti ‹Abbaan kiyya nama Sooriya'aa ka olii gad raantaye inni nama hagoo qabatee gara biyya Misirii dhaqee achi jiraatee banii guddaa ta'e. Worri biyya Misirii garuu nu rakkisanii hujii ulfaataa nutti fe'an. Nullee gara Rabbii Waaqa abboota keennaa iyyanne; Rabbillee nuu dhagayee rakkoo keenna, dadhabbii keennaa fi miidhamuu keennallee argee irree ufii jabaa guddaa sodaachisa'aan baasaa fi maalale'een biyya Misirii keessaa nu baasee lafa tana ta aannanii fi damma baaftu nuu kenne. Ammallee kunoo yabo'oo daraaraa lafa ati naa kennite keessaa ka duraa sii dhiyeesseera; atillee Rabbii Waaqa kee afoo fidii kaayiitii Rabbii Waaqa keetii sagadi. Worri Leewwi'ii ka si woliin jiraatanii fi galaan si jidduu jiraatu arjummaa Rabbi Waandhi kee si'ii fi maatii keetii kenneen isaan woliin gammada'aa galatoonfadhaa'a. «Woggaa sadeesso'oo ka kurneessoo kee itti baaftutti sanyii kee ka duraa maraa hennaa baaftee raawwatte worra Leewwi'ii, galaa si woliin jiraatu, worra hiyyeessaatii fi haadha hiyyeessaa maruu akka nyaatanii quufan isaanii kenni. Ati Rabbii Waaqa kee afo'otti ‹waan woyyoome mana kiyyaa fuudhee akkuma ati na ajajjetti Leewwi'ii, nama namatti galee jiraatuu, hiyyeessaa fi haadha hiyyeessaatiifillee maraa kenneera; ani ajaja kee hin diinne; hin irraafannelle'e. Hennaa gaddaallee ani isa irraa womaa hin nyaanne; battummaa kiyya irraa qulqullaayu'uuf isa irraa womaa hin baafne; ani dubbii Rabbii Waaqa kiyyaa waan dhagaye maraa godheera. Samii hulee teessoo teetii woyyuu irraa gad laalii banii kana tooyadhu; lafa abboota teennaa kakatte ta aannanii fi damma baaftu banii Israa'eliitiif eebbisi.› Rabbi Waandhi kee seeraa fi murtii kana akka eeddee raawwaatuuf si ajajeera; atillee onnee kee guutu'uu fi qalbii kee guutu'uun eegii raawwadhu. Ati akka karaa isaa deemtu seera, ajajaa fi murtii isaa akka eeddu jecha isaallee akka dhageettu Rabbi Waandhi kee akka Waaqa ta'e adha mirkaneessiteerta. Kanaaf akka abdii Rabbi sii kenneetitti ati banii isaatii fi qabeenna isaa akka taatu, ajaja isaa maraa akka eeddu; banii isaa akka taatu, jecha isaallee akka dhageettu Rabbi Waandhi kee Waaqa akka ta'e si beessiseera; yoo ati kana goote banii ufii uume maraa keessaa, galata, maqa'aa fi ulfinna maraanuu akka ol si qabu akkuma ufii dubbate ati Rabbii Waaqa keetiif banii woyyuu akka taatu adha sitti himeera.» Kanaan maayessa Muuse'ee fi jaarsonni Israa'elii akkana jedhanii banii ajajan, «Ajaja nu adha isin ajanye maraa eegaa'a; hennaa gara lafa Rabbi Waandhi kee sii kennutti galu'uuf Yoordaanosiin ceete dhagaa gugurdaa dhaabii nooraa dibi; akkuma abdii Rabbi Waandhi kee sii kenneetitti gara lafa Rabbi Waandhi kee sii kennu galu'uuf Yoordaanosiin ceete; dubbii seeraa kanniin dhagaa gugurdaa irratti katabi. Hennaa laga Yoordaanosii ceete akkuma ani adha si ajaje dhagaa kanniin gaara Geebaalii irratti dhaabiitii nooraa dibi; hulee sanitti Rabbii Waaqa keetiif hulee ciinca'aa hojjadhu; huleen ciinca'aa kunillee dhagaa sibiilli hin tundhe haa ta'uu; dhagaa hin bocamne irraa Rabbii Waaqa keetii hulee ciinca'aa hojjadhuu achi irratti ciincaa ciincawu Rabbii Waaqa keetii dhiyeessi. Ciincaa araaraa keellee ciincessii achitti nyaadhuu Rabbii Waaqa kee afo'otti gammadi. Dubbii seeraa kanniin maraa dhagaa kanniin irratti katabi» Muuseenii fi gadoonni worra Leewwotaa banii Israa'elii maraan «Israa'el cadhisa'aa caqasaa'a; adha banii Rabbii Waaqa keetii taateerta; kanaafuu ati adha dubbii Rabbii Waaqa keetiitii ajajami; ajajaa fi seera ani adha si ajaju maraa godhi» jedhan. Guyyaa san Muuseen banii Israa'eliitiin akkana jedhe, «Hennaa laga Yoordaanosii ceetan akka isaan banii eebbisan gofti Simoonii, ka Leewwi'ii, ka Yihuuda'aa, ka Yisaakoorii, ka Yooseefiitii fi ka Biiniyaam gaara Gaariizaanii irra haa dhaabatanii. Gofti abaartu garuu Roobeel, Gaad, Aseer, Zaabiloon, Daanii fi Niftaaleem gaara Geebaalii irra haa dhaabatanii. Worri Leewwotaa laagaa ufii ol fudhatanii ijoollee Israa'elii marattuu akkana jedhanii dubbatan. « ‹Namni muka bocee, dhagaa qirqidee, sibiila bassee waaqa tolfamaa tolchee itti sagadu maruu ka abaarame haa ta'u; Rabbi waaqeffannaa waaqa tolfama'aa waan jibbuuf; kanaafuu baniin maruu deebisanii ‹Amiin!› jedhan. « ‹Namni abba'aa fi haadha ufii diqqeessu ka abaarame haa ta'uu! «Baniin maruu ‹Amiin!› » jedhan. « ‹Namni malkata daangaa ollaa ufii dhiibu ka abaarame haa ta'uu! «Baniin maruu ‹Amiin!› jedhan. « ‹Namni nama jaamaa karaa irraa dabsu ka abaarame haa ta'uu! «Baniin maruu ‹Amiin!› jedhan. « ‹Namni nama namatti gale, hiyyeessaa fi haadha hiyyeessaa jalaa murtii dabsu ka abaarame haa ta'uu!› «Baniin maruu ‹Amiin!› jedhan. « ‹Namni haadha manaa abbaa ufiititti oole waan abbaa ufii fafeesseef ka abaarame haa ta'uu!› «Baniin maruu ‹Amiin!› jedhan. « ‹Namni horii kamittuu oole ka abaarame haa ta'uu!› «Baniin maruu ‹Amiin!› jedhan. « ‹Namni obboleettii abbaa ufii, ta haadha ufiitii fi obboleettii ufiititti oole ka abaarame haa ta'uu!› «Baniin maruu ‹Amiin!› jedhan. « ‹Namni soddaatii ufiititti oole ka abaarame haa ta'uu!› «Baniin maruu ‹Amiin!› jedhan. « ‹Namni dhokatee dhayee nama ajjeesu ka abaarame haa ta'uu!› «Baniin maruu ‹Amiin!› jedhan. «‹Namni nama qulqulluu ajjeesu'uuf gatii fudhatu ka abaarame haa ta'uu!› «Baniin maruu ‹Amiin!› jedhan. « ‹Namni seeraa fi ajaja kanniiniillee hin ajajamne maruu ka abaarame haa ta'uu!› ‹Baniin maruu ‹Amiin!› jedhan. «Jecha Rabbii Waaqa keetii yoo dhageettee ajaja ani adha si ajaje kanniin maraa eeddee amanamumma'aan yoo raawwatte Rabbi Waandhi kee orma lafa irra jiru maraa caalaa ol si qaba; jecha Rabbii Waaqa keetii dhageettee yoo ajajamte eebbi kunniin maruu sii ta'a; «Rabbi qachaa keetii fi maasaa keellee hin eebbisa. «Rabbi fiixaa kee, sanyii lafa keetii, horii kee, hormaata sa'aa, hormaata hoolaa keetii hin eebbisa. «Rabbi koobo'oo fi qalqala kee hin eebbisa. «Rabbi bayaa gala kee hin eebbisa. «Rabbi Waandhi diintota kee ka si afoo dhaabatan si afo'oo dhaya; karaa tokkoon sitti dhufaniiti karaa torbaan si dheessan. «Rabbi eebba ufii si irratti, gootaraa keetii fi hujii harka keetii irrattillee akka bu'u ajajeera; lafa Rabbi Waandhi kee sii kennu irratti si eebbisa. «Ajaja Rabbii Waaqa keetii yoo eeddee karaa isaa irra deemte Rabbi akkuma sii kakate banii isaaf fooyame godhee uf afoo si dhaaba. Kanaan maayessa ormi lafa irra jiraatu maruu akka maqaan Rabbii si irratti waamame arganii si sodaatan. Rabbi lafa abboota teetii kennu'uuf kakate irratti fiixaa kee, horii keetii fi sanyii lafa keetii irratti eebba ufii buusa. Rabbi rooba ufii lafa tee irratti henna'aan sii rooba, hujii harka keetii maraa sii eebbisa, galmee mishaa Sami'ii sii bana; sii rooba kanaaf ati orma baay'e'ee liqeessita; ati garuu eennuun irraallee hin liqeeffattu; «Garuu jecha Rabbii Waaqa keetii yoo dhagawuu baattee ajajaa fi seera ani adha si ajaje kanniin maraa eeddee yoo hin raawwanne abaarsi kunniin maruu gara kee dhufa. «Ati qachaa keessatti abaaramaa taata; qonni kee hin abaarama. «Kooboon keetii fi qalqalti teellee hin abaaramti. «Fiixaan kee, sanyii lafa keetii, hormaanni sa'a keetii, hormaanni hoolaa keetiillee hin abaarama. «Ati hennaa baatuu fi hennaa galtullee hin abaaramta. «Ati waan na dhiifteef waan hammeenna hujii keetiitiif akka jarjartee daddaftee baddu hujii kee ka itti dadhabdee hojjattu maraa irrattuu abaarsa, baqaa fi lola sitti fida. Rabbi lafa ati dhaaltee irra jiraattu irraa si balleessu'uuf balaa sitti fida. Rabbi dhukkuba nama huqqisu, gubaa'a, bobaya, oo'a, bona hamaa, waagi'ii fi hadaa gad sitti dhiisa; kunniin haga ati badduuf si ari'an. Samiin akka sibiila diima'aa sitti ta'a; laftillee luka kee jalatti sibiila sitti taati. Bikka roobaa haga ati baddutti daara'aa fi xindhacha bubbe'een oofamu sitti erga. «Rabbi diina kee afo'otti si dhaya; karaa tokkoon isaanitti dhaxxa; karaa torbaan isaan jalaa dheessita; waan si irra gawuun mootonni biyya lafaa maruu nayan. Reeffa kee allaatti samii irra bararuu fi busaawaa lafa irra jiraatutu nyaata; wonti isaan sodaachisullee hin jiru. Rabbi dhibee irraa hin fayyine madaa biyya Misirii, baccarro'oo fi shiftoo sitti fida. Rabbi maraatu'uun, ballumma'aa fi naasu'uun si rukuta. Ati guyyamaan akkuma ballaan halkan jaljal jedhu atillee jaljal jetta; karaan ati deemtu hin qajeelu; bara lafa irra jiraattu maraa rakkata'aa fi saamamaa taata; ka si oolchullee hin jiru. «Durba fuudhu'uuf qaadhimatta; garuu nama biraatitu si jalaa fuudha; mana ijaaratta; garuu keessa hin jiraattu; muka woyini'ii hin dhaabatta; garuu daraaraa isaa hin nyaattu. Horii kee uduu ati laaltu qalan; garuu ati hin nyaattu; harriin tee hunnaan si irraa fudhatan, sii hin deebisan; hoolota tee diintota keetii kennan namni isaan hambisu'uuf si gargaaru hin jiru; uduma ijji tee argitu ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa worra ormaatii fi garboota akka ta'an kennaman akka waan ijoolleen tee sii deebituu duwwamatti isaan eegu'uuf ijji tee raatofti. Daraaraa lafa keetii ka ati itti dadhabe maraa orma ati hin beennetu nyaata; hennaa maraa ati nama rakkata'aa fi ka dhiibamte taata. Ati waan ijji tee argituun maraatta. Waandhi madaa qoricha hin qabneen jilba kee, gudeeda keetii fi faana kee irraa haga mata'aa si dhaya. Rabbi si'i, mootummaa keetii fi abboota tee ta durii gara orma ati hin beennee dabarsee isaan fida; achitti waaqa tolfamaa mukaa fi dhagaa irraa tolfaman waaqeffattan. Orma Rabbi dabarsee itti si kennu maraa keessatti nama naasu'uu, nama itti baldanii fi ka mammaakaa taata. Midhaan guddaa maasa'atti facaafatta, awwaannnifni waan si jalaa fixuuf midhaan diqqoo galfatta. Muka woyini'ii dhaabdee midhaaffatta waan raammoon si jalaa nyaatuuf isa irraa womaa hin galfattu; daadhii woyini'iillee hin dhuddu; munni ejersaa biyya kee marattuu hin bayu waan daraaraan isaa irraa jiguuf sayitii ejersaa hin dibattu. Ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa sii dhalatanii waan booji'amaniif siif hin ta'an. Daraaraa lafa keetiitii fi muka maraa korophiisatu nyaata. Galaan sitti galee si woliin jiraatu sii ol ta'a; ati garuu isaa gad taata. Inni sii liqeessa ati garuu isaa hin liqeessitu; Inni afoo kee ta'a; ati garuu duuba isaa taata. «Jecha Rabbii Waaqa keetii waan hin dhageenneef seeraa fi ajaja isaa waan hin eenneef haga ati baddutti abaarsi kunniin maruu si argata; si irratti bu'a; si ari'a. Si'ii fi ilmaan ilmaan teetii irratillee baasaa fi maalalee bara baraa ta'a. Rabbi Waandhi guddisee waan maraa waan sii kenneef qanani'ii fi gammachu'uun waan hin waaqeffanneef. Beelaa dheebu'uun, daaraan, waa maraa dhabu'uun diintota Rabbi dabarsee itti si kennuu bitamta; isaan haga si balleessanitti morma kee irratti qambara fe'an. haga ati baddutti horii keetii fi daraaraa lafa keetii nyaatan haga si balleessanitti harree, daadhii woyini'ii, sayitii, hormaata sa'aatii fi ka hoolaa teetiillee sii hin dhiisan. Dallawa biyya kee keessa jiran ka ati hedattu jajjaba'aa fi dhedheeraa qachoota keetii maraa marsanii si rakkisan. Hennaa diintonni tee marsanii si rakkisan, ijoollee tee ta dhiiraatii fi ta intalaa ta garaa keetii bayan foon isaanii nyaatta. Namni si biratti hennaa maraa jireenna mishaa jiraatu obboleessa ufii, haadha manaa ufiitii fi ijoollee ufiititti hinaafa. Balbala qachaa keetiititti diintonni kee hennaa si marsanii rakkisan wonti biraa wonti nyaatan waan hin jirreef foon ijoollee ufiituu nama tokkoollee hin kennu. Dubartiin jireenna misha'aan boona'aa si bira jiraattu ta kophee ufiitiin miilaanuu lafa hin ijjanne abbaa worra ufii, ijoollee ufii ta dhiiraatii fi ta intalaatiif hobbaatii ufiitittillee hin hinaafti; waan diintonni kee balbala qachaa keetiititti si marsanii si rakkisaniif waan waan maraa dhabdeef dhossitee kanniin maraa nyaatti. Jechoota seeraa ka kitaaba kana keessatti barreeffaman maraa eeddee yoo hin raawwanne Rabbii Waaqa kee kana ka galatoonfamee fi ka sodaatame maqaa isaa yoo hin sodaanne, Rabbi balaa'a, si'ii fi ijoollee tee irrattillee balaa'a, balaa guddaa bara hedduu jiraatuu fi dhukkuba badaa bara hedduu jiraatu sitti fida. Dhibee biyya Misirii ka sodaatte maraa deebi'ee sitti fida; innillee sitti dhufa. Akkasuma dhibee kitaaba seeraa kana keessatti hin barreeffamne maraa haga ati baddutti Rabbi balaa maraa sitti fida. Isin jecha Rabbii Waaqa keessanii waan hin dhageenneef laakkobsi keessan ka akka urjii Sami'iititti baay'ateeru hin diqqaata. Akkuma Rabbi hennaa waan mishaa isinii godhu, hennaa isin baay'isu gammade sanitti Rabbi hennaa isin balleessuu fi isin diigullee hin gammada; lafa dhaalu'uuf itti galtan san irraallee hin buqqaatan. Rabbi orma daangaa lafaatii haga daangaa lafaa jiruu si bittinneessa; achitti waaqa tolfamaa atii fi abboonni tee hin beenne ka mukaa fi dhagaa irraa tolfame waaqeffatta. Orma sanniin jiddu'utti hara hin baafattu hulema lukaan irra ijjattullee hin argattu; achitti Rabbi onnee hollattu, ija laaluu hin dandeenne fi dadhabbii sitti fida. lubbuu keetiin mamtee halkanii fi guyyaa sodaatta; jireenna keetitti hin amantu. Ati waan onnee keetiin sodaattuuf waan yaada ija keetiin argituuf ganama yoom galgalaaya? jetta; galgala ammo yoom naa bari'a? jetta; karaa ammaa achi deebitee hin argitu siin jedheen markabaan Rabbi gara biyya Misirii si deebisa; achitti garboota dhiiraatii fi ta intalaa isaanii ta'u'uuf diintota keessanitti uf gurgurattan; garuu ka isin bitu hin argamu. Jechoonni waada'aa ka Rabbi gaara Kooreebiitiin alatti lafa Moo'aabii irratti ijoollee Israa'elii woliin gale ka Rabbi Muusee ajaje kanniin. Muuseen ijoollee Israa'elii maraa waamee akkana isaaniin jedhe, «Baasaa fi maalalee gugurdaa'a, balaa gugurdaa Rabbi biyya Misiriititti Fari'oonii fi garboota isaa maraa afo'otti raawwate maraa ijji teessan argiteerti. Rabbi garuu onnee hubatu, ija argituu fi gurra dhagayu haga adhaa isinii hin kennine. Woggaa afurtamaa lafa gammoojji'ii keessa isin masakke, uffanni keessan hin moofne, kopheen keessanillee hin moofne. Ani Rabbii Waaqa keessan akka ta'e akka beettan buddeena hin nyaanne daadhii woyinii'itii fi waan nama macheessu hin dhunne. Hennaa gara hulee kanaa dhuftan mootiin Haseboonii Seewoonii fi mootiin Baasaanii Aagi nuun lolu'uuf dhufanii turan; nu garuu isaan mooyanne. Lafa isaaniillee harkaa fudhannee Roobeel, Gaadii fi gosa Minaase'eetii fillee wodhakkaa lafa sanii isaanii kennine. Kanaafuu wonti isin gootan maruu akka isinii qajeelu jechoota waada'aa kanniin eegaa'a, raawwadhaa'a. Ani waada'aa fi kakuu kana isin callaa woliin hin galu. Garuu worra adha Rabbii Waaqa kenna afoo nu woliin dhaabatan namoota adha as nu woliin hin jirre woliinille'e. «Nu akka biyya Misirii keessa jiraanne akka orma jidduu lufne beettaniirtan; battummaa isaanii, waaqa tolfamaa isaan jidduu jiran ka muka, dhagaa, birri'ii fi worqii irraa tolfaman argitaniirtan. Namni deemee waaqolee tolfamaa worra ormaa sanniin waaqeffatu'uuf adha onnee ufii Rabbii Waaqa ufii irraa dogoggorsu dhiira yookaan intala, gosa yookaan worri isin keessa hin jiraatin, namni hujii hadhaaya'aa fi badaa akkanaa kana hojjatu isin keessa hin jiraatin. Namni jecha abaarsaa kanniin dhagayee yoma onnee badduu tiyyaanillee deeme, dheebisaaf waan nama macheessu yoo dhuge nagaya argadha jedhee yoo yaade, hinaaffa'aa fi lola Rabbiititu nama san irratti bu'a malee Rabbi nama sanii hin araaramu; abaarsi kitaaba kana keessatti barreeffame maruu isa irratti ta'a; Rabbi maqaa isaa lafa irraa balleessa. Rabbi akkuma waadaa kitaaba seeraa kana keessatti barreeffame akkuma kakuu abaarsaatiin gosa Israa'elii maraa keessaa badi'iif isa fooya. Dhaloonni asiin maayessa ka'u, ijoolleen isiniin maayessa dhalatan, keessummaan biyya fago'oo dhufu, dhibee biyya kanaa, balaa Rabbi isii irratti godhe, biyyi sun maruu ibiddi bobayee hin dhaamnee fi laftillee lafa sooqiddaa taati; akka wonti facaafame isii irratti hin biqille, marginii fi wonti lalisu kamuu akka isii irratti hin margine akka biyya Soodomiitii fi Gamoora'aa ka Rabbi lolaa fi hirpha ufiitiin balleesse akka Adaama'aatii fi akka Sibaayo'oo akka taate yoo argan; Ormi maruu ‹Rabbi lafa tana maaf akkana godhe? Balaan guddaan lola isaa kun maali'i?› Jedhan. Namoonnillee akkana jedhan ‹Jecha waada'aa ka Rabbi abboota isaanii ka biyya Misiriitii isaan baasee san waan hin dhageennee fi waan dhiisaniif. Deemanii waaqa tolfamaa hin beenne san waan waaqeffatanii fi waa isaa sagadaniif. Kanaafuu abaarsa kitaaba kana keessatti barreeffame maraa isaan irratti buusu'uuf dheekkamsi Rabbii lafa tana irratti ta'e. Akkuma adha jedhan kana Rabbi dheekkamsaa fi balaa gudda'aan lafa isaanii irraa isaan buqqisee biyya biraatitti isaan gate.› «Dhossaan ka Rabbii Waaqa keennaati; wonti mudhate garuu jechi seeraa maruu nu'uu fi ijoolleen teennallee akka raawwannuuf. Waan ani amma si afoo kaaye kana maraa hennaa eebbinii fi abaarsi si irratti bu'e Rabbi Waandhi kee orma maraa keessa hennaa si facaasee onnee keetiin yaadde, gara Rabbii Waaqa keetii deebitee waan ani adha si ajaju maraa jecha kiyyaaf atii fi ijoolleen tee onnee guutu'uu fi qalbii guutu'uun, hennaa ajajamte Rabbi Waandhi kee boojuu kee sii deebisa; garaa sii laafa; hulee Rabbi Waandhi kee orma maraa keessa si facaase keessaa si deebisa. Namoonni kee haga daangaa lafaa faca'anii yoo jiraatanillee Rabbi Waandhi kee achii wolitti isin qabee si deebisa. Rabbi Waandhi kee gara lafa abbootiin tee dhaaltetti si galcha; atillee hin dhaalta; inni waan mishaa sii godha abboota kee caalaa horta. Akka lubbu'uun jiraattu Rabbi Waaqa kee onnee guutu'uu fi qalbii guutu'uun akka isa jaalattu Rabbi Waandhi kee onnee keetii fi onnee fiixaa keetii qajeelcha. Rabbi Waandhi kee abaarsa kana maraa diintota kee, worra si jibbanii fi worra si ari'anitti fida. Atillee deebitee jecha Rabbii Waaqa keetii eedda, ajaja ani adha si ajaje kana maraa goota. Ajanyi ani adha si ajaju kun hin ulfaatu si irraallee fago'oo miti; ‹Ajaja kana dhageennee akka raawwannu eentu ol bayee Samii gubba'aa nuu fuudha?› akka hin jenne samii gubbaa hin jirtu. ‹Dhageennee akka raawwannuuf laga kana gama ceeyee eentu nuu fida?› akka hin jenne laga gama hin jirtu. Jechi isinitti guddisee dhiyoo jira; akka eedduuf afaanii fi onnee kee keessa jira. Ila ani adha jireennaa fi waan mishaa, du'aa fi hammeenna si afoo kaayeera; akka lubbu'uun jiraattee hortu, lafa Rabbi Waandhi kee akka dhaaltuuf itti si galchutti akka si eebbisu Rabbii Waaqa kee akka jaalattu, karaa inni si ajaje akka deemtu, ajaja, seeraa fi murtii isaa akka eeddu ani adha si ajaja. Qalbiin tee yoo dogoggorte, atillee yoo dhagawuu baatte, yoo sobamtee waaqa tolfamaa biraatii sagaddee waaqeffatte, sirima akka baddan ani adha isinitti hima lafa itti galtanii dhaalu'uuf Yoordaanosiin ceetan sanitti umuriin keessan hin dheeratu, ani adha jireennaa fi du'a, eebbaa fi abaarsa isin afoo akka kaayee Ardi'ii fi Samii isin irratti rageessisa; kanaafuu akka atii fi sanyiin kee lubbu'uun jiraattan jireenna filadhu. Lafa Rabbi abboota kee Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobii kennu'uuf isaanii kakate sanitti galtee bara dheeraa akka jiraattu inni jireennaa fi dheerinna umurii keetii waan ta'eef Rabbii Waaqa kee jaalachuu, isa eeggattu'uu fi jecha isaa dhagawuu filadhu. Muuseenillee deemee jecha kana ijoollee Israa'eliitiin; «Ani amma umuriin kiyya woggaa dhibbaa fi diddama ta'eera; asiin maayessa bayee galuu hin danda'u; Rabbillee galaana Yoordaanosii kana hin ceetu naan jedheera. Rabbi Waandhi keessan inninuu isin afoo deemee isin masakka inni orma achi jiraatan maraa isin afo'oo waan dhoogguuf isin lafa isaanii dhaaltan akkuma Rabbi dubbatetti Iyyaasuun masakkaa keessan ta'a. Rabbi mootota worra Amoorotaa Seewoonii fi Aagiin lafa isaanii irraa akkuma balleesse akkasuma lafa isaanii irrattillee godha. Rabbi isin afo'otti isaan kuffisa akkuma ajaja ani isin ajajetti isaan irratti gootan. Cimaa'a, jabaadhaa'a, hin sodaatinaa'a, isaan afo'ottillee hin nayinaa'a; Rabbi Waandhi kee si woliin deema; si hin gatu si hin dhiisu» jedhe. Kanaan maayessa Muuseen Iyyaasuu waamee, «Worra Israa'elii afo'otti ati banii kana woliin gara lafa Rabbi abbootaa kennu'uuf isaanii kakatee waan galtuuf lafattii tana isaan dhaalchiftaa cimii jabaadhu. Ka si afoo deemu inni Rabbi; si woliin ta'a; si hin gatu; si hin dhiisu hin sodaatin; hin nayin» jedheen. Kanaan maayessa Muuseen seera kana katabee gadoota worra ijoollee Leewwotaa worra saanduuqa kaku'uu baadhata'aa turanii fi jaarsota worra Israa'elii marattuu kenne. Muuseen akkana jedhee isaan ajaje «Woggaa torbeesso'oo dhuma irratti bara liqaan maruu namaa dhiifamu hennaa ayyaanni daase'ee kabajjamu; Ijoolleen Israa'elii maruu hennaa Rabbii Waaqa isaanii afo'otti argaman hulee Rabbi filatetti hennaa wol gayan seera kana uduu isaan dhagayan worra Israa'elii afo'otti dubbisiif. Rabbii Waaqa isaanii akka sodaatan, jechoota seeraa maraa kanniin eeganii akka raawwatan banii maraa dhiiraa fi intala daa'immanii fi galaa isintti galee isin keessa jiraatu maraa wolitti qabi. Ijoolleen isaanii worri jecha seeraa kana hin beenne laga Yoordaanosii ceetanii itti galtanii dhaaltanitti bara jiraatan maraa seera kana haa dhagayanii; Rabbii Waaqa keessanillee sodaachuu haa baratanii. Achiin maayessa Rabbi Muuse'een; «Guyyaan ati duutu dhiyaateeraa Iyyaasuu waamii akka isa ajaju daasee wol gayi'ii keessatti isa bira dhaabadhu» jedheen. Muuseenii fi Iyyaasuun dhaqanii daasee wol gayi'ii keessa dhabatan. Rabbillee daasee wol gayi'ii keessatti utubaa duumessaatiin mudhate utubaan duumessaallee balabala daasee wol gayi'ii afoo dhaabate. Rabbi Muuse'een, «Dhiyoma kanatti duuta haga ati duuteen maayessa baniin worra naa hin ajajamne ta'an; waadaa ani isaan woliin gale dhiisanii biyya dhaalu'uuf itti galan sanitti waaqa tolfamaa worri Amoorotaa waaqeffatan sanii sagadan. Hennaa san ani guddisee isaaniin lola; isaan gata; fuula kiyya isaan jalaa deebifadha; ormatu nyaatee isaan fixa; guyyaa san ‹Dhugamaan Rabbi waan jidduu keenna hin jirreef wonti badaan kun nu irra gaye› haga jedhanitti waan badaa hama'aa fi rakkoo gudda'atu isaan irra gaya. Waaqa tolfamaa biraa waan waaqeffataniif, waan badaa maraa na afo'otti waan hojjataniif guyyaa san ani fuula kiyya isaan irraa deebifadha. «Ammallee faaruu kana barreessa'aatii ijoollee Israa'elii maraa barsiisaa'a; faaruun kun akka waan kiyyaaf ragaa ta'u afaan ijoollee Israa'elii keessa naa kaayaa'a. Haga lafa ani abboota isaaniitii kakadhe ta aannanii fi damma baaftutti isaan galcheen maayessa, haga nyaatanii quufan, haga qanani'aniin maayessa na tuffatanii waaqa tolfamaa biraa waaqeffatan; jecha waada'aa ka ani isaan woliin galellee hin diigan. Uduma lafa ani isaanii kakadhetti isaan hin galchine yaada isaan yaadan ani waan beekuuf faaruun kun ijoollee isaanii jalaa hin baddu; hennaa wonti hamaanii fi rakkoon guddaan isaan irra gaye faaruun kun akka raga'aa ta'ee isaan afo'otti rageessa» jedheen. Guyyaa san Muuseen faaruu san katabee ijoollee Israa'elii barsiise. Kanaan maayessa ilma Nawwe'ee Iyyaasu'uun, «Ijoollee Israa'elii gara lafa ani isaanii kakadheetitti isaan galchitaa; cimi; jabaadhu; anillee si woliin jiraa» jedhee ajaje. Muuseen jechoota seeraa kanniin haga kitaabatti katabee raawwateen maayessa; worra leewwotaa ka saanduuqa kakuu Rabbii baadhatan akkana jedhee ajaje; «Kitaaba seeraa kana fuudha'aatii akka isinitti ragaa ta'u saanduuqa kaku'uu ka Rabbii keessanii bira kaayaa'a. Ani dhara keessanii fi mata jabeenna keessan hin beeka uduma ani adha isin woliin jiru isin Rabbiin diddaniirtanii; haga du'een maayessa garuu atta ta'ittu? Jecha kana akka isinitti himu Ard'ii fi Samii akka isin irratti rageessisu jaarsota gosa keessanii maraa fi bulchoota keessanillee wolitti naa qabaa'a. Haga ani du'een maayessa sirima akka battooftan karaa ani isin ajaje irraa akka gortan ani waan beekuuf hujima harka keessaniitiin Rabbiin akka gaddisiiftan isa afo'otti waan hamaa waan gootaniif bara maayessaa waan hama'atu isin irra gaya.» Achiin maayessa Muuseen banii Israa'elii maraa faaruun kun haga gurra isaanii seenutti dubbise. Samii dhagayaa'a ani hin dubbadhaa. Laftillee jecha afaan kiyyaa haa dhageettuu. Barumsi kiyya akka roobaatitti rooba; dubbiin kiyyallee akkuma fixeensaatitti coccopha; Waan lalise irratti akka fixeensaa, Marga irratti garuu akka tiifu'uuti. Ani maqaa Rabbii waamaa isin guddinna Rabbii kennaa himaa'a. «Inni Waaqa; hujiin isaallee guutu'u. Karaan isaa maruu qajeela'a. Waaqa amanamaa'a ka waan badaa hin qabne Inni Waaqa dhuga'aatii fi qajeela'a. Isaan worra battaayan; kanaafuu ijoollee isaatii miti. Waan badaa uf irraa qaban isaan dhaloota daba'aa fi worra gara gaggalu. Isin banii gurra duuda'aatii fi ka mala hin qabne Rabbii keetii waan kana deebiftaa? Inni abbaa keetii mitii? ka si uumee fi ka si jabeesse isa. «Bara durii yaadadhu; bara dhaloota fiixaa hedduu qaabadhu; Abbaa kee gaafadhu inni sitti himaa; jaarsota keessan gaafadhu isaanillee sitti himanii; Hennaa Rabbiin guddaan waan maraa danda'u bani'ii lafa isaanii qoqqoode, hennaa ijoollee Aadamii addaan foffooye, akka laakkobsa ijoollee Israa'eliitiin daangaa worra ormaa dhaabe. Baniin Rabbii gayee isaati; Sanyii Yaaqoobii worra ufii godhee isaan filate. «Lafa gammoojji'ii keessatti dheebuu'u; Raasaa qilleensa gudda'aatitti isa argate; Rabbi isa golge; Isa tisse; Akka gumaa ijaatitti eegeen. Akkuma bajja ilmoolee ufii yaafatu; akkuma inni ilmoolee ufii irra koola qabatu; koola badhisee isaan fudhate; koola ufiitiin isaan baadhate. Rabbi hojjuma ufii isa masakke; Isa woliin Waandhi biraa hin turre. Gaara gubba'atti isa baase; Sanyii qonna ufii isa nyaachise; Damma dhagaa jabaa keessaa argamuun; Sayitii ejersaa ka Lafa dhaga'aa irratti argamu nyaachiseen. Inni aannanii fi aannan itittuu, ka loon, hoolotaa fi re'iin irraa argamu, korbeeyyii mimmichuu, korbeeyyii hoolotaa, foon cooma korommi'iitii fi ka re'iinii ka biyya Baasaanii daabboo qamadii misha'aa woliin isaan nyaachise. Worri Israa'elii hin furdatan; hin dhiban; baay'ee nyaatanii furdatanii cooman; Waaqa isaan uumellee hin dhiisan; Fayyisaa irkoo isaanii hin diqqeessan. Waaqa tolfamaa isaanii waaqeffatanii isa hinaafsisan; waan badaa hojjatan maraan Waaqa aarsan. Waaqa tolfamaa Waaqa dhuga'aa hin taaneef ciincaa isaanii dhiyeessan. Isaanillee waaqa tolfamaa worri Israa'elii tanaan dura hin waaqeffannee fi waaqa tolfamaa abboonni isaanii hin beennee ciincaa dhiyeessan. Waaqa si uume dhiifte; Rabbii si guddise irraanfatte. Ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa waan isa aarsaniif Rabbi isaan argee isaan gate. Fuula kiyya isaan irraa deebifadha; dhumni isaanii maal akka ta'e hin laala; isaan dhaloota daba'a; isaan ijoollee hin amanamne› isaaniin jedhe. Waaqa tolfamaa Waaqa hin taaneen na hinaafsisan; womaa womtee ufiitiin na aarsan; Anillee banii kiyya hin taaneen isaan hinaafsisa; banii waa hin hubanneen isaan aarsa. Lolli kiyya akka ibiddaa; haga xiillaa asaabaa bobaya; waan lafa irra jiru maraa nyaata; hundee gaarraniillee hin guba. «Rakkinna isaanitti eda'a; arfii kiyyaan isaan woraana. Beelaa fi oo'aan badan; oo'a bada'aa fi badii hama'aan dhuman; busaawa'aa fi bofa hadhaa qabu ka lafaa isaanitti erga. Karaa irratti woraanni finna isaan dhabsiisa; Mana keessatti soda'aan guuttaman; ka'imman dhiiraatii fi ta intalaa; jaarsonninii fi daa'immanillee hin dhuman. Ani sirima isaan balleessa; achiin maayessa ka isaan yaadatu hin argamu; Garuu diintonni isaanii ‹hunna keennaan isaan mooyanne malee Rabbii miti› jedhanii uf jaju'uun akka na hin aarsine jedhee isaan yaadadhe. «Baniin Israa'elii worra yaada hin qabne; worra qalbiillee hin qabne. Uduu sammuu qabaatanii silaa kana yaadatan ture; dhuma ufiillee hin yaadan ture! Waandhi isaanii yoo isaan hin gurguranne Rabbi dabarsee yoo isaaniif hin kennine namni tokko attamitti nama kumaa ari'a ture? Namni lamaallee attamitti nama kuma kudhanii ari'a? Akkuma diintonni keenna jedhan; Waandhi keenna akka waaqolee tolfamaa isaaniitii miti; Diintonni teenna worra akka Soodomiitii fi Gamoora'aa battaayan; daraaraan isaanii akka muka woyinii daraaraa hadhaayaa kennuuti; hurbuun isaallee hadhaaya'a. Daadhiin isaanii ka woyini'ii akka summii bofaati; akka summii buuti'iiti. «Yakki diintonni teenna hojjatan galmee Rabbii keessatti galmaayee argama. Tarkaanfii haluu bayu'uu isaanitti fudhatee isaan adaba; Hennaan isaan kufanillee gayeera; waan guyyaan murti'ii dhiyaateef; murtiinii fi haluu bayuun kiyya. Akka hunna dhaban hennaa arge, Rabbi garboota ufiitii garaa laafa; wolabtichaa fi garbichallee uduu addaan hin baafne Gooftaan banii ufiitiif murteessa. Innillee akkana jedha ‹Waandhi tolfamaan isaanii meeti? waaqoleen tolfamaan isaan abdatan meeti? waandhi tolfamaan isaan itti amanan meeti? worri cooma ciincaa isaanii nyaatan; worri kennaa waan dhuganiitiif dhiyeessan dhugan meeti? Isaan ka'anii isin haa gargaaranii; irkoo isinii haa ta'anii. «Ani hojjuma kiyya Waaqa akka ta'e; Anaa achi Waandhi biraa akka hin jirre beekaa'a; ani hin ajjeessa; hin jiraachisa; ani hin madeessa; hin fayyisalle'e; harka kiyya irraa ka isin hambisu hin jiru. Ani harka kiyya gara Sami'ii badhisee akkana jedha. ‹Ani jiraataa bara baraa waan ta'eef, Guraadee kiyya ka mallisu qara; ani murtii qajeelaa kenna; diintota kiyyallee haluu baya; Worra na jibbanii gatii isaanii kennaaf. Woraanni kiyya dhiiga worra woraannameetii fi worra booji'ameetiin faalama; guraadeen kiyya foon mataa bulchoota diinaa mummura.› «Isin baniin ormaa Rabbi dhiiga garboota ufiitiif haluu baya; diintota ufiillee haluu baya; worra isa jibbullee adabee cubbuu banii ufiitii hin dhiisa; battummaa Ardi'iillee hin qulqulleessa; kanaafuu banii isaa woliin gammadaa'a. Muuse'ee fi ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun jechoota faaruu kanaa maraa bani'ii dubbisan. Muuseen jecha kana maraa worra Israa'eliititti himee haga raawwate, akkana isaaniin jedhe «Jecha seeraa kana mara eeganii akka raawwataniif; akka ijoollee teessan ittiin ajajjaniif jecha adha isinii rageessu kana maraa qalbi'itti qabadhaa'a. Seerri kun jireenna keessan malee waan duwwa'aa miti. Waan kanaan lafa itti galu'uuf Yoordaanosiin gama ceetanitti bara hedduu jiraattan.» Guyyaa san Rabbi Muusee akkana jedhee itti dubbate; «Gara lafa Moo'aabii kolba Iyyaariko'oo biraan jirtuu gara gaara Naaba'aa ol bayi; lafa Kana'aanii ta ani ijoollee Israa'eliitii kennu laali; akkuma obboleessi kee Aaroon gaara Hoorii irratti du'ee worra isaa ka du'anitti eda'ame atillee gaaruma irra baate kana irratti du'ii worra kee ka du'anitti eda'ami; isin banii Israa'elii maraa afo'otti anaa fi amanamtoota hin taane hennaa lafa gammoojjii Tsiinii ta qachaa Qaadeesii keessa jirtu burqaa bisaan Mariba'aa bira hennaa turtan akka ani banii Israa'elii afo'otti ulfaadhu hin goone. Lafattii san uf afo'otti argita malee gara lafa ani ijoolleee Israa'eliitii kennutti hin galtu. Namni Rabbii Muuseen uduu hin duuneen dura eebbi inni ijoollee Israa'elii eebbise kana; Muuseen akkana jedhe; «Rabbi gaara Siina'aa irraa dhufe, Seeyiritti mudhate; gaara faaraanii irraa isaanii ibse; isa woliin maleekkota kumaatamatu ture; mirga isaatiin arraba ibiddaatitu ture. Rabbi dhugamaan banii ufii hin jaalata; woyyoota ufii maraa hin eega; isaanillee miila isaa jalatti jilbiiffatanii sagadaniif; dubbii keellee hin fudhatan. Seera Muuseen kenne ka dhaala isaanii ta'e, baniin Israa'elii hin eegan. Gofti isaaniitii fi bulchoonni isaanii hennaa wol gayan Rabbi banii Israa'elii irratti mooye. Muuseen waan gosa Roobeelii akkana jedhe; «Gooftaa kiyya! laakkobsi gosa Roobeelii yoma diqqaatellee gofti Roobeelii haa jiraatuu malee hin du'in» Waan gosa Yihuuda'aatiif akkana jedhe «Rabbii kiyya! iyya gosa Yihuuda'aa dhagayi; gosoota biraa woliinillee akka wol ta'an godhi; akka diina uf irraa dhooggan hunna jabaa isaanii kenni; hennaa diina ufiitiin lolan isaan gargaari. Waan gosa Leewwi'ii akkana jedhe, Gooftaa kiyya! karaa Tumiimiitii fi Uuriimiitiin, bisaan Maasa'aatii fi Mariiba'aa biratti worra mormitee isaan qorte garboota tee worra Leewwotaatitti fedhii kee ibsi. Isaan siif jedhanii worra ufii irraanfataniiran; fira ufii irraallee gargar bayaniiran; ijoollee ufiillee dhiisaniiran; jecha keellee kabajjaniiran; waadaa keellee eeganiiran. Murtii kee Yaaqoobiif, seera keellee worra Israa'elii barsiisan. si afo'otti hixaana, hulee ciinca'aa keetitti ciincaa ciincawu dhiyeessan. Waandhana! qabeenna isaanii eebbisi; hujii harka isaaniillee fudhadhuuf; Worra isatti ka'u mudhii isaanii woraani; worra isa jibban lammata akka hin kaane godhi!» Waan Biiniyaamiillee akkana jedhe, «Namni Rabbi jaalate isa hedatee jiraata; Waandhi guddaan guyyaa maraa isa eega; eeddoo Rabbii jala jiraata.» Waan Yooseefiillee akkana jedhe «Rabbi rooba gubba'aa roobuun, bisaan gad qilee keessaa argamuun lafa isaanii haa eebbisu. Akkasuma lafti isaanii daraaraa filatamaa; adu'uun bilchaateen ta guuttamte haa taatu; hennaa maraa oomisha baay'ee haa kennitu. Akkasuma gaarri isaaniitii fi gooddi isaanii oomisha filatama'aan ka durooman haa ta'an. Lafti isaanii waan mishaa maraan haa guuttamtu; Waaqa saatoo gubatu keessaan mudhate biraa badhaani isaaf haa baay'atu. Eebbi kunniin maruu gosa Yooseefii bira haa gawu; inni waan obboleewwan ufii keessatti adda ta'eef. Gaachenni Yooseefii akka kormaa sodaachiisa; gaafni isaa akka gaafa gafarsaa jabeeyyi'i; isaaniin orma woraana; haga daangaa lafaa isaan ari'a; kumni kudhanii ka Efreemiitii fi kumni kudhanii ka Minaase'eellee akkasuma ture. Waan Zaabilooniitii fi gosa Yisaakoorii akkana jedhe; «Zaabiloon yoo markabaan deemtu gammadi; Yisaakoorillee daasee kee keessa taa'ii gammadi. Orma gara gaaraa waamee, achitti ciincaa sirrii ta'e dhiyeessan; qabeenna galaana keessaa, qabeenna dhokataa xidhacha keessatti kuufame argatan.» Waan gosa Gaadii akkana jedhe; «Rabbii daangaa Gaadii badhise galanni haa gawu; Gaad akka leenca irree yookaan kallacha cabsu'uuf riphuuti. Waan gayeen bulchiinsaa kennameefiif lafa isaaf taatu michuu filate; hennaa bulchoonni ormaa wol gayan fedhii Rabbiitii fi seera ufii Israa'eliif raawwate» Waan Daanii akkana jedhe; «Daan akka leenca darmi'iiti; Baasaaniin keessaa utaalee baya.» Waan gosa Niftaalemii akkana jedhe; «Niftaaleem Gooftaa biratti baay'ee jaalatama'a; eebbaa Rabbiitiin guuttameera; daangaan isaa haga galaana bita'aa badhata.» Waan gosa Aseerii akkana jedhe; «Aseer gosa maraa caalaa ka eebbifame haa ta'u; obboleewwan ufii biratti ka jaalatame haa ta'u; lafti isaa muka ejersaatiin haa duroomtu. Balballan qachoota teetii sibiilaa fi sibiila diima'aan ta jabaatte haa taatu; bara jireenna keetii maraa hunna qabaadhu.» Yaa banii Israa'elii! duumessa Sami'ii irraa gaachena ufiitiin ka si gargaaru ka akka Rabbii Waaqa keennaa eennullee hin jiru. Waandhi kee ka bara baraa irkoo keeti; irreen isaa ka bara baraallee si irkifti; diina kee si afo'oo ari'a; akka isaan balleessitu si taasisa. Kanaafuu fiixaan Yaaqoobii lafa cophxi Sami'ii irratti buutuun midhaanii fi daadhii woyini'iitiin guuttamteen, wobii argattee nagayaan jiraatti. Yaa Isaa'el! ka akka keetii wontee gargaarsaa, guraadee moote'ee, fayyinna Rabbiin irraa baniin argate sirima hin jiru; ati ka akkam tolteef! diintonni tee hennaa si shelata'aa gara kee dhufan ati dudda isaanii keessa dhiitta; Muuseen raasaa Moo'aabiitii ka'ee gara gaara Naaba'aa baye; Iyyaariko'oo gara baya biiftu'uutiin qaccee gaara Phiisga'aa gaye; achii Rabbi lafa maraa akka gamatti laalu godhe; kunillee daangaa Gala'aadiitii kaasee haga qachaa Daanii ka gara kaabaatiin jiruu, Daangaa Niftaalemiillee guutuu, daangaa Efreemiitii fi daangaa Minaase'ee, karaa dhiyaatiin haga qaccee galaana Meditiraaniyaanii, haga daangaa Yihuuda'aati. Neegeebii fi raasaa isi'ii, dhooqa Iyyaariko'oo, Iyyaarikoo qachattii Zambaabaa jedhamtuu haga Tso'aarii itti mudhise. Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Lafti fiixaa isaanii dhaalchisu'uuf Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobiin kaku'uun abdachiisee waadaa gale tana; kunoo isii akka ijaan argitu si taasiseera; garuu ati achi hin ceetu.» Kanaafuu Rabbi tajaajilaa Rabbii Muusee akkuma biyya Moo'aabii uduu jiru itti dubbatetti achitti du'e. Rabbi dhooqa qachattii Beeta feegooriin afo'otti argamtu Moo'aabitti awwaaleen; garuu haga adhaa hulee inni itti awwaalame ka adda baasee kolbatti beeku hin jiru. Muuseen hennaa du'u umuriin isaa woggaa dhibbaa fi diddama ture; garuu nama jabaa ijji isaa hin dimimmifnee fi hunni isaa hin dadhabne ture. Baniin Israa'elii raasaa Moo'aabiititti Muuse'ee haga guyyaa soddomaa booyee gadde. Iyyaasuun bakka Muuse'ee bu'ee inni waan harka ufii irra kaayee muudeenii tureef ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun ka hafuura ogumma'aatiin guuttame ta'e; baniin Israa'elii Iyyaasu'uu hin ajajaman; ajaja Rabbi Muusee irraan isaanii kenne hin eegan. Raagaan akka Muuse'ee ka Rabbi addaataa woliin qaaqe sirima Israa'eliin keessatti achii as hin argamne. Raagaan Rabbi gara mootii biyya Misirii, gara bulchootaa, akkasuma guutuu biyyaa maraa irratti ergee hujii baasaatii fi ka maalale'ee akka raawwatan taasisee fi mudhise ka biraa sirimaa hin jiru. Worra Israa'elii maraa afo'otti ka waan akkanaa gudda'aa fi ka sodaachisu godhe, raagaan biraa ka akka Muuse'ee sirima hin jiru. Garbichi Rabbii Muuseen haga du'een maayessa Rabbi gargaaraa Muuse'ee ilma Nawwe'ee Iyyaasu'uun akkana jedhe, «Garbichi kiyya Muuseen du'eeraa ka'iitii atii fi baniin kun gara lafa ani ijoollee Israa'eliitii kennuu Yoordaanosiin gama ceeyaa'a. Akkuma Muuse'ee waadaa galetti lafa luka teessaniin ejjattan maraa isinii kenneeraa. Libaanosii kana irraa jalqabdanii haga lafa gammoojji'ii laga guddaa Efraaxisii lafti Keexotaa maruu haga dhiyaa, haga galaana gudda'aatitti daangaa keessan ta'a. Bara jireenna keetii maraa eennullee si hin danda'u; akkuma Muusee woliin ta'e si woliinillee hin ta'a; si hin gatu; si hin dhiisu. Lafa abboota keessanii hin kenna jedhee isaanii kakadhe banii kana waan dhaalchiftuuf cimi; guddisii jabaadhu. Seera garbichi kiyya Muuseen si ajaje maraa eegii raawwadhu. Karaa deemtu marattuu akka sii qajeelu seera kana irraa bita'aa fi mirga hin jedhin. Seerri kitaaba kanaa afaan kee keessaa hin dhabamin! waan barreeffame maraa eeddee akka gootu halkanii guyyaa yaadi; yoo san karaan kee sii qajeela; wonti maruu sii ta'a. Karaa deemtu marattuu Rabbi Waandhi kee waan si woliin jiruuf cimi; jabaadhu! hin sodaatin! hin nayin! jedhee si hin ajanyee?» jedheen. Iyyaasuun ijoollee Roobeelii, ijoollee Gaadiitii fi wodhakkaa gosa Minaase'ee akkana jedhee isaanitti hime. «Jecha garbichi Rabbii Muuseen isin ajaje yaadadhaa'a; Rabbi Waandhi keessan hara isin baafachisa; lafa tanallee isinii kenna. Haawwonni manaa teessan, ijoolleen teessanii fi horiin keessan lafa Muuseen Yoordaanosiin gamatti isinii kenne keessa haa jiraatanii; isin garuu worri jajjabaan maruu hiriira'aatii obboleewwan keessan afo'otti ceeya'aatii isaan gargaaraa'a. Akkuma Rabbi hara isin baafachiise akkasuma haga obboleewwan keessan hara baafachiisuuf isaanillee akkasuma lafa Rabbi Waandhi keessan isaanii kennu haga dhaalanitti lafa garbichi Rabbii Muuseen gara baya biiftu'uutitti isinii kennetti deebitanii dhaaltan» isaaniin jedhe. Isaanillee akkana jedhanii Iyyaasu'uu deebisan; «Waan ati nu ajaje maraa hin goona; gara ati nu ergitu maraa hin deemna. Akkuma waa maraanuu Muuse'ee ajajamne, siillee akkasuma hin ajajamnaa; garuu Rabbi Waandhi Muusee woliin ture sun akkasuma si woliinillee haa ta'u. Namni ajaja kee mormu maruu, ka waan ati ajajju hin dhageenne inni haa ajjeefamuu; ati garuu jabaadhu!» Kanaan maayessa ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun deema'aatii lafa sanii fi Iyyaarikoo laalaa'a jedhee Saaximiin irraa gaadduu lamaa dhossa'aan erge; isaanillee deemanii mana, «Ra'aabii» seebartitti'ii seenanii bulan. Mootichi Iyyaariko'oo, «Israa'eliin keessaa biyyattii tana gaadu'uuf namoonni halkaniin seenaniiran» oduu jedhu dhagaye. Mootichi Iyyaariko'oo, «Namoota biyyattii gaadu'uuf dhufan ka mana kee jiran baasi!» jedhee gara Ra'aabii namoota erge. Intalti sunillee namoota kanniin lachuu dhossitee, «Namoonni gara kiyya dhufaniiran; garuu eessaa akka dhufan ani hin beeku; hennaa galgalaayee ani balbala cufu halkanoofnaan namoonni sunniin yaa'an; eessa akka dhaqan ani hin beeku, daddafa'aatii isaan hordofaa'a hin dhaqqabdanii» jetteen. Isiin garuu mana manaan gubba'aa irra isaan baaftee, muka dareerfame gubba'atti buraa talba'aa keessatti dhossitee turte. Ergamtoonni mootichaa qachattii sanii bayanii deeman; balballi dallawa isaan keessaa bayanii hin cufame; ergamtoonni mootichaa worra gaadan sanniin soqu'uuf haga karaa laga Yoordaanosiin gamaa ceeyanii deeman. Namoonni gaadan sunniin uduu hin rafne, intalattiin sun gara isaanii ol baatee, akkana isaaniin jette; «Akka Rabbi lafa tana isinii kenne akka isin sodaanne worri lafa tana irra jiraatan maruu guddisanii akka isin sodaatanii onneen isaanii baqe beekeera. Hennaa biyya Misirii keessaa baatan Rabbi galaana diimaa akka isin afo'oo gosse, akka mootota lamaan worra Amoorotaa Seewoonii fi Aagiin irratti Yoordaanosiin gamatti waan gootan, akka isin isaan ajjeeftan dhageenneerra. Kanaafuu haga waan kana dhageenne soda'aan onneen nu baxxe; Rabbi Waandhi keessan Waaqa ardi'ii fi samii irrallee jiru waan ta'eef sababaa keessaniif namni tokkollee ka hin naayin hin jiru. Ammallee akkuma ani waan mishaa isinii godhe, maatii kiyya waan badaa irraa hambisu'uuf yabo'oo naa kakadhaa'a; waan kanaaf ta'u malkata amansiisaa naa kennaa'a. Abba'aa fi haadha tiyya, obboleewwan tiyya ta dhiiraatii fi ta intalaa waan isaan qaban maraa oolchu'uuf waadaa naa galaa'a; nu hin balleessinaa'a!» jetteen. Namoonni sunniinillee isi'iin, «Yoo nu waadaa sii gallee kana hin raawwanne, Rabbi du'aan nu haa adabu; hennaa Rabbi lafa tana dabarsee nuu kenne waan mishaa sii godhu'uuf waadaa sii galla» jedhaniin. Manni isi'ii dallawa qacha'aatiitti maxxanee waan jiruuf isiinillee dallawa irraan foddaa manaatiin haadaan gad isaan buufte. Isiin «Worri isin hordofu akka isin hin argine, haga worri isin hordofu dacha'anitti haga guyyaa sadihii gara gaaraa dhaqa'aa dhokadha'aa taa'aa'a; deebitanii karaa keessan deemtanii» isaaniin jette. Namoonni sunniinillee akkana isi'iin jedhan, «Waan ati waadaa nu galchite maraa hin eenna; wonti ati gootu nu hennaa lafa tana qabannu haada diimaa foddaa manaatiin ittiin nu buufte kana kolbuma hulee itti nu buuftee sanitti hidhi; abbaa kee, haadha tee, obboleewwan keetii fi maatii abbaa keetii maraa mana keetitti wolitti qabi. Namni tokkollee manaa bayee yoo du'e badiin kama isaa ta'a, nu balleessaa isaatiif hin gaafatamnu; garuu uduu mana kee jirru wonti badaan yoo isa irra gaye badii saniif nutu itti gaafatama. Waan nu amma goonu kanniin yoo nama biraatitti himte kakuun nu sii kakanne sun nu irra hin gawu» jedhaniin. Isiinillee akkuma isin jettan haa ta'u jettee isaan geegessite; isaanillee hin deeman isiin haga isaan deemaniin maayessa haada diimaa namoota sanniin buufteenillee kolba fodda'aatiin gad rarraafte. Isaanillee deemanii gaara bira gayanii haga worri isaan hordofu sunniin deebi'anitti guyyaa sadihiif achuma taa'an; worri isaan hordofullee karaa maraa keessa isaan soqanii dhaban. Kanaan maayessa namoonni lamaan sunniinillee deebi'anii gaara irraa gad bu'anii laga ceeyanii gara ilma Nawwe'ee gara Iyyaasu'uu deebi'anii waan isaan irra gaye maraa isatti himan. Isaan Iyyaasu'uun akkana jedhan, «Lafa san maraa Rabbi dhugamaan harka keennatti galcheera; namoonni biyya san keessa jiraatan maruu guddisanii nu sodaatanii onneen isaanii baxxeerti» jedhaniin. Iyyaasuunii fi ijoolleen Israa'elii maruu ganamaan Saaximii ka'anii gara laga Yoordaanosii dhaqanii achitti quphatan; guyyaa sadihiin maayessa bulchoonni isaanii ganda sanniin keessa seenanii; bani'iin «Saanduuqa waada'aa ka Rabbii Waaqa keessanii gadoonni worra Leewwotaa hennaa isaan baadhatan yoo argitan hulee bultan kanaa ka'aatii isaan faana deemaa'a. Fageenni worra saanduuqa waada'aa baadhataniitii fi isin jidduu jiru haga ciqilee kuma lamaa haa ta'uu; isin duraan karaa kana deemtanii waan hin beenneef karaa deemtan akka beettaniif gara worra saanduuqa waada'aa baadhatanii deeman fago'oo laalaa malee itti hin dhiyaatinaa'a» jedhanii ajajan. Iyyaasuun bani'iin akkana jedhe, «Boru Rabbi jidduu keessanitti maalalee waan hojjatuuf uf woyyoomsaa'a» Iyyaasuun gadootaan, «Saanduuqa waada'aa baadhadha'aatii banii afoo lufaa» jedhee isaanitti hime; isaanillee saanduuqa waada'aa baadhatanii banii afoo lufan. Rabbillee Iyyaasu'uun, «Akkuma Muusee woliin ture si woliinillee jiraachuu kiyya akka beekan adha ani Israa'eliin afo'otti sii kabajjuu jalqaba. Atillee gadoota saanduuqa waada'aa baadhataniin hennaa laga Yoordaanosii bira geettan, laga Yoordaanosii keessa dhaabadhaa'a jedhii isaan ajaji» jedheen. Kanaan maayessa Iyyaasuun ijoollee Israa'eliitiin, «Asi dhiyaadha'aa jecha Rabbii Waaqa keessanii dhagayaa'a» jedhe. Iyyaasuun itti aansee «Rabbiin jiraataan akka jidduu keessan jiru, akka inni worra Kana'aanotaa, Keexotaa, Eewwotaa, Feerzotaa, Geergesota, Amoorotaatii fi worra Iyyaabusootaa sirimaa akka isin afo'oo baasu kanaan beettan. Saanduundhi waada'aa ka Rabbii Gooftaa ardii maraa isin afoo gara Yoordaanosii lufa. Ammallee gosa Israa'elii maraa keessaa namoota kudha lamaa filadhaa'a; gosa maraa keessaa nama tokko tokko haa ta'uu. Lutti gadoota saanduuqa waada'aa ka Rabbii Gooftaa ardi'ii fi samii uumee baadhatanii Yoordaanosiin keessa hennaa dhaabatan, bisaan Yoordaanosii ka gubba'aa bu'u yookaan ka yaa'u citee akka tullu'uutitti dhaabata; bakka tokkotti wolitti qabama.» Hennaa baniin Yoordaanosiin ceeyu'uuf daasee ufii keessaa gad yaa'an worri gadootaa ka saanduuqa waada'aa baatan banii afoo deema'aa turan. Akkuma ji'oota gannaa maratti lanni Yoordaanosii guuteera; akkuma worri saanduuqa waada'aa baadhatan laga bira gayanii lukaan tuqaniin, bisaan yaa'uu dhiise; Tsarta'atitti qachaa Aadam jedhamtee waamamtuutitti tuulamee wolitti qabame; bisaan gara Arabaa, gara galaana sooqiddaa jigu, sirima dhaabate; baniinillee kolba Iyyaariko'ootiin gama ceeyan. Hennaa baniin lafa gogaa keessa deema'aa ceeyan gadoonni saanduuqa waadaa Rabbii baadhatan haga baniin marti ceeyanitti laga Yoordaanosii keessa lafa gogaa irra dhaabata'aa turan. Baniin maruu laga Yoordaanosii haga ceeyaniin maayessa Rabbi Iyyaasu'uun, «Gosa maraa keessaa nama tokko tokko namoota kudha lamaa filii Hulee Yoordaanosiin keessa lutti gadootaa dhaabatee dhagaawwan kudha lamaa fuudha'aa hulee adha galgala bultan kaayaa'a jedhii isaan ajaji» jedheen. Iyyaasuunillee gosa ijoollee Israa'elii keessaa nama tokko tokko nama kudha lamaa waamee, «Iyyaasuun akkana isaaniin jedhe, saanduuqa waadaa Rabbii Waaqa keessanii afoo Yoordaanosiin keessa lufaa'a; isin keessaa namoonni maruu haguma laakkobsa gosa ijoollee Israa'eliitiin dhagaa tokko tokko gurmu'utti haa baadhatanii. Kunillee isin jiddu'utti malkata ta'a; ijoolleen keessan baroota dhufanitti ‹Dhagaan kunniin maali'i?› jedhanii yoo isin gaafatan, isin ‹Saanduuqa waadaa Rabbii afo'oo lanni Yoordaanosii waan citeef; dhagaawwan kunniinillee ijoollee Israa'eliitiif yaadannoo baraa haga bara baraa isinii ta'a› » jettanii isaanitti himtan. Ijoolleen Israa'eliillee akkuma Iyyaasuun isaan ajaje godhan; Iyyaasuunillee akkuma Rabbi isatti dubbate akkuma laakkobsa gosa Israa'eliitiin Yoordaanosiin keessaa dhagaa kudha lamaa fuudhanii gara hulee bulanii fidanii achi kaayan. Iyyaasuunillee hulee lutti gadoota saanduuqa waadaa baadhatanii dhaabatanitti Yoordaanosiin keessa dhagaawwan kudha lamaa sanniin dhaaban; dhagaawwan kunniin haga adhaa hulema san jiran. Akkuma Muuseen Iyyaasuu ajaje, Rabbi Iyyaasu'uunillee bani'itti akka himu waan isa ajaje maraa haga raawwatutti gadoonni saanduuqa waada'aa baadhatan Yoordaanosiin keessa waan dhaabataniiraniif baniin daddafee ceeye. Baniin maruu haga ceeyanii raawwataniin maayessa uduma baniin argu saanduundhi Rabbiitii fi gadoonnillee hin ceeyan. Akkuma Muuseen isaan ajaje ijoolleen Roobeelii, ijoolleen Gaadiitii fi wodhakkaan gosa Minaase'ee wol faana ijoollee Israa'elii afoo ceeyan. Namoonni haga kuma afurtamaa waan ta'eef woraana ufii qabatanii duulaaf Rabbiin afoo gara Iyyaariko'oo ceeyan. Guyyaa san Rabbi Iyyaasuu banii Israa'elii afo'otti gaachena kenneef; akkuma Muusee sodaata'aa turanitti bara jireenna isaa maraa isa sodaatan. Iyyaasuunillee gadoonni Yoordaanosiin keessaa akka bayan isaan ajaje. Gadoonni saanduuqa waada'aa ka Rabbii baadhatanii Yoordaanosiin keessaa haga bayan lutti gadootaa lafa gogaa ijjachuu jalqabnaan lanni Yoordaanosii hulee ufiititti deebi'ee akkuma duraatitti guutee yaa'uu jalqabe. Baniin ji'a jalqabaa keessa guyyaa kudhaneesso'ootitti Yoordaanosiin ceeyanii Iyyaarikoo laddaan gara baya biiftu'uutitti Gelgela'atti quphatan. Iyyaasuun dhagaawwan kudha lamaa Yoordaanosiin keessaa fuudhan sanniin Gelgelaa keessatti dhaabee, ijoollee Israa'eliititti akkana jedhee dubbate, «Baroota dhufanitti ijoolleen teessan abboota ufiitiin, ‹Dhagaan kunniin maali'i?› jedhanii yoo isin gaafatan, akkana jettanii isaanitti himtan; Israa'el Yoordaanosiin keessa lafa gogaa irra ceeyan. Haga nu ceenuuf Rabbi Waandhi keessan galaana diimaa afoo keennaa akkuma gosse akkasuma haga isin ceetanitti Rabbi Waandhi keessan laga Yoordaanosii afoo keessanii gosse. Kunillee akka harki Rabbii jabaa ta'e ormi lafa irraa maruu akka beekan, isinillee Rabbii Waaqa keessan haga bara baraa akka sodaattaniif» isaaniin jedhe. Mootonni worra Amoorotaa ka gara dhiyaatiin Yoordaanosiin gama jiran maruu, mootonni worra Kana'aanii ka galaana ladda jiran Rabbi ijoollee Israa'elii haga isaan laga Yoordaanosii ceeyanitti akka laga gosse haga dhagayan guddisanii nayan; waan ijoollee Israa'elii ka dhagayan saniif namni hin naayin tokkollee hin jiru. Hennaa san Rabbi Iyyaasu'uun, «Dhagaa cabbi'ii ka qara qabuun ijoollee Israa'elii lammeessoo isaan gadoomsi» jedheen. Iyyaasuun cabbii qara qabu qopheeffatee hulee, «Tulluu gadoomaa» jedhamutti ijoollee Israa'elii gadoomse. Wonti Iyyaasuun banii gadoomseef waan worri dhiiraa ka biyya Misiriitii bayan maruu lafa gammoojji'iititti dhumaniif. Baniin achii baye maruu gadoomee ture; garuu baniin biyya Misirii keessaa bayanii karaa irratti lafa gammoojji'ii keessatti dhalatan hin gadoomne ture. Lafa aannanii fi damma baaftu ta Rabbi abboota keennaa kennu'uuf kakate san nuu kennu'uuf worra jecha isaa hin dhageenne ka biyya Misiriitii bayanitti lafa san akka isaanitti hin mudhifne duultonni sunniin maruu haga badanitti ijoolleen Israa'elii woggaa afurtamaa lafa gammoojji'ii keessa deema'aa turan. Bikka isaanii ijoollee isaanii kaase; kunniinillee worra karaa irratti dhalatan worra hin gadoomne waan ta'aniif Iyyaasuun isaan gadoomse. Baniin maruu gadoomanii haga fayyanitti ganduma ufii jiran san taa'an. Rabbi Iyyaasu'uun, «Ani adha fafa biyya Misirii isin irraa gara galcheera» jedheen; kanaafuu maqaan hulee sanii haga adhaa Gelgelaa jedhamee waamama. Ijoolleen Israa'elii Gelgela'atti quphatan; ji'uma san keessa guyyaa kudha arfeesso'ootitti galgala raasaa Iyyaariko'ootitti ayyaana faasika'aa ayyaanteffatan. Ayyaana faasika'aa saniin maayessa haga bariite, sanyii biyya sanii, xorosho'oo fi qorsoollee nyaatan. Haga bariite sanyii lafa sanii haga nyaataniin maayessa mannaan dura isaanii kennamu sun hin hafe; achiin maayessa ijoollee Israa'eliitiif mannaan hin dhufne; garuu baruma san sanyii biyya Kana'aanii nyaatan. Iyyaasuun uduu Iyyaarikoo bira jiru ol yoo laalu nama tokko ka guraadee harkaa qabu ka isa afoo dhaabatu arge; Iyyaasuun gara isaa dhiyaatee «Ati gara keenna mo'o gara diintota keennaati?» jedheen. Innillee «Miti, ani bulchaa duula Rabbii ta'ee amma dhufeera» jedhe; Iyyaasuunillee kallachaan lafatti kufee sagadee «Gooftaa kiyya wonti ati ana garbicha keetitti himtu maali'i?» jedheen. Bulchaan duula Rabbiillee Iyyaasu'uun «Huleen ati dhaabatte sun woyyittii waan taateef kophee luka kee irraa baafadhu» jedheen; Iyyaasuunillee akkasuma godhe. Ijoollee Israa'elii waan sodaataniif Iyyaarikoon sirima cufamtee turte; namni gara isi'ii seenuu fi isii keessaa bawullee hin jiru; Rabbi Iyyaasu'uun akkana jedhe, «Iyyaariko'oo fi mootii isi'ii, worra jajjabaa hunna qaban sii kenneeraa; duultonni keessan maruu guyyaa jahaaf harka tokko tokko qachattii tana irra haa naannayanii. Gadoonni torbaa worri xurumbaa torbaa qabatan saanduuqa waada'aa afo'otti firrisanii deemanii woliin haa baadhatanii; guyyaa torbeesso'ootitti qachattii hennaa torba naannayaa'a; worri gadootaa xurumbaa haa afuufanii. Achiin maayessa xurumbaan uduu wol irraa hin cinne yoo afuufamu laagaa xurumba'aa yoo dhageettan, baniin maruu guddisee haa iyyuu; hennaa san dalloofni qachatti'ii hin diiggama, baniin maruu hiriiree itti gala.» Ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun gadoota waamee, «Saanduuqa waada'aa baadhadhaa'a; gadoonni torbaa xurumbaa torbaa qabatanii saanduuqa waadaa Rabbii afoo haa deemanii» isaaniin jedhe. Bani'iinillee «Deema'aa qachattii naannayaa'a; worri duulaa garuu saanduuqa waadaa Rabbii afoo haa deemanii» jedhe. Hennaa Iyyaasuun bani'itti hime gadoonni torbaa xurumbaa torbaa qabatanii Rabbiin afoo deema'aa xurumbaa afuufan; saanduundhi waadaa Rabbii isaan faanaa deema'aa ture. Duultonni xurumbaa afuufa'aa gadoota xurumbaa afuufan afoo deema'aa turan. Baniin hafe garuu saanduuqa waada'aa duubaan deema'aa turan; gadoonnillee xurumbaa afuufa'aa deeman. Iyyaasuun bani'iin «Haga guyyaa ani iyyaa'a isiniin jedhuutitti laagaa keessan ol qabattanii hin iyyinaa'a; sirima afaan keessanii jechi tokkollee akka hin baane; hennaa ani iyyaa'a isiniin jedhe hin iyyitan» jedhee isaan ajaje. Duulli kun hennaa tokkoof saanduuqa waadaa Rabbii qabatanii qachattii keessa naannayanii hulema duraatitti deebi'anii achuma bulan. Iyyaasuun bariisaa san ganama obboro'oon ka'e; gadoonnillee saanduuqa waada'aa ka Rabbii baadhatan. Gadoonni torban xurumbaa torbaa qabatanii saanduuqa waada'aa ka Rabbii afoo deema'aa xurumbaa afuufa'aa turan; duultonnillee isaan afoo deema'aa turan; baniin hafe garuu saanduuqa waada'aa ka Rabbii faana deeman; gadoonnillee xurumbaa afuufa'aa deeman. Guyyaa lammeesso'ootittii haga guyyaa jahaa qachattii keessa naannayanii gara gandaa deebi'an. Guyyaa torbeesso'oo akkuma lafti gagaarratteen ka'anii akkuma duraanii harka torbaa qachattii irra naannayan; guyyaa san harka torbaa qachattii irra naannayan. Harka torbeesso'ootitti hennaa gadoonni xurumbaa afuufan Iyyaasuun bani'iin «Rabbi qachattii isinii kenneeraa iyyaa'a!» jedhe. «Wonti qachattii keessa jiru maruu Rabbiif akka hirmi'iititti haa balleeffamanii; worri hafan garuu seebartittii Ra'aabii fi worra isii woliin mana isi'ii keessa jiran calla'a; isiin waan gaaddota teenna dhossitee isaan oolchiteef isi'ii fi worri isii woliin mana keessa jiran callaan haa hafanii. Isin garuu waan Israa'eliin irratti rakkinnaa fi badii fidu wonta baduu barbaachisu kanniin hawwitanii akka hin fudhanne uf eegaa'a. Garuu birrii, worqii, sibiila diima'aa fi meeshaan sibiilaa maruu ka Rabbiif fooyame ta'ee mana meeshaa Rabbiititti haa galuu.» Kanaaf xurumbaan afuufame; baniin hennaa laagaa xurumba'aa dhagayan guddisanii iyyan; kaloonillee hin diiggame; baniin maruu gara qachaa isaan afoo jiruu dhaqanii qachattii san fudhatan; Worra qachattii san keessa jiran maraa dhiira, intala daa'imman, jaarsota, sangaa, hoola'aa fi harree guraade'een sirima fixan. Iyyaasuunillee namoota lamaan lafa gaadaniin «Gara mana dubartittii seebartittii sanii seena'aa isi'ii fi waan isiin qabdu maraa akkuma isi'ii kakattanitti achii baasaa'a» isaaniin jedhe. Ijoolleen gaaddotaa sunniinillee gara mana isi'ii seenanii Ra'aabiin abba'aa fi haadha isi'ii, obboleewwan isi'ii, fira isi'iitii fi waan isiin qabdu maraa achii baasanii ganda Israa'eliitiin ala akka jiraatan godhan. Qachatti'ii fi waan qachaa san keessa jiru maraa ibiddaan guban; garuu birrii, worqi'ii fi meeshaa sibiila diimaa irraa hojjatame mana Rabbii ka meesha'aa keessa kaayan. Ergamtoota Iyyaasuun Iyyaarikoo haa gaadani'iif erge Ra'aabiin seebartittiin waan isaan dhossiteef maatii abbaa isi'iitii fi waan isiin qabdu maraa Iyyaasuun hin oolche; fiixaan isi'iillee haga adhaa banii Israa'elii jidduu jiraatan. Hennaa san Iyyaasuun «Namni qachaa Iyyaariko'oo tana ijaaru'uuf ka'e Rabbiin afo'otti haa abaaramuu; namni bu'uura isi'ii buusullee ilmi isaa ka hangafaa haa baduu; ka balbala isi'ii ijaarullee ilmi isaa ka maandha'aa haa baduu» jedhee abaare. Rabbi waan Iyyaasuu woliin jiruuf inni biyya maraa irratti gurra baye. Ijoolleen Israa'elii waan hirmii ta'een Rabbiin yakkan; Akaaniin gosa Yihuuda'aa ilmi Karmi'ii, ilmi Zambariitii fi ilmi Zaara'aa waan battii ta'e fudhannaan Rabbi guddisee ijoollee Israa'eliititti aare. Iyyaasuun «Gaayii» Beeteeliin irraa gara baya biiftu'uu jirtuu ta Beeti'aweeniitiin laddaa namoota Iyyaariko'oo ergee; baya'aatii lafattii san gaadaa'a jedhee isaanitti dubbate; namoonnillee bayanii Gaayiin gaadanii, gara Iyyaasu'uu deebi'anii «Namoonni kumni lamaa yookaan kumni sadihii bayee Gaayitti haa duuluu malee baniin maruu akka hin duulle; sababaanillee «Isaan banii hagoo waan ta'aniif baniin maruu bayee akka hin dadhabne» jedhaniin. Kanaafuu namoonni haga kuma sadihii gayan ka duula dhaqan garuu worra Gaayii jalaa dheessan; namoonni Gaayii isaan keessaa namoota haga soddomii jahaa dhayan; hulee san irraa haga Shebaariimii gooddaa gad ari'anii isaaniin lolan; worri Israa'eliillee naasu'uun onneen isaanii baxxee akka bisaanii taate. Iyyaasuun guddisee nayee uffata ufii bibbiinxe; inninii fi jaarsonni Israa'elii saanduuqa waada'aa ka Rabbii afo'otti daaraa ufitti firfirsanii kufanii haga galgalaa turan. Iyyaasuun, «Yabo'oo! Rabbi Gooftaa kiyya! maaf laga Yoordaanosii nu ceesifte? akka worri Amoorotaa nu balleessaniif maaf dabarsitee jaratti nu kennite? Silaa uduu laga Yoordaanosii gamatti hafnee nuu woyya. Waaqa kiyya, yoo baniin Israa'elii diina ufii jalaa dheesse ani maal jedha? Worri Kana'aaniitii fi worri biyya san keessa jiraatan maruu dhagayanii nu marsanii maqaa keenna lafa irraa balleessan; ulfinna maqaa kee guddaa kanaatiif wonti ati gootu maali'i?» jedhee kadhate. Rabbi Iyyaasu'uun «Maaf kallacha keetiin gad kufte? ol jedhi! Worri Israa'elii yakkaniiran; waadaa akka isaan eeganiif ani isaanii kennellee diiganiiran; waan battii ta'e fudhatanii, hatanii sobanii meeshaa ufii keessatti dhossan. Kanaaf ijoolleen Israa'elii diina ufii jala dhaabachuu hin danda'an; isaan worra abaaraman waan ta'aniif diina ufii jalaa dheessan; waan battii ta'e uf jiddu'uu yoo balleessuu baattan, asiin maayessa ani isin woliin hin ta'u. Ka'iitii banii kana woyyoomsi; akkana isaaniin jedhi ‹Israa'el wonti battiin isin wodhakkaa jira; haga isin waan battii ta'e jidduu keessanii balleessitanitti diina keessan jala dhaabachuu hin dandeettan› jedhee Rabbi Waandhi Israa'elii waan dubbateeruuf isin haga boruutitti woyyoomaa'a!› isaaniin jedhe. Kanaafuu boru akkuma gosa keessaniitiin dhiyaattan; worri Rabbi adda foowu akkuma gosa ufiitiin dhiyaatan; gofti Rabbi adda foowu akkuma maatii ufiitiin dhiyaata; maatiin Rabbi adda foowu worruma ufii woliin dhiyaata. Namni wonti battiin isa irratti argame, waadaa Rabbii diigee Israa'eliin keessatti waan yakka hojjateef, inninii fi wonti inni qabu maruu ibiddaan haa gubamanii» Iyyaasuun ganamaan ka'ee worra Israa'elii akkuma gosa isaaniitiin isaan fide; gosa Yihuuda'aa addatti. Gosa Zaara'aa addatti, Zambarillee worra ufii adda baasee dhiyeesse; ilmi Karmi'ii ka gosa Yihuuda'aa ilmi Zambarii, ilmi Zaara'aa Akaanillee hin fooyame. Iyyaasuun Akaaniin «Ilma kiyya Rabbii Waaqa Israa'eliitii ulfinna kenni, balleessaa keellee isatti himadhu; waan goote maraa na hin dhossinii natti himi» jedheen. Akaanillee deebisee Iyyaasu'uun «Ani dhugamaan Rabbii Waaqa Israa'elii yakkeera; wonti ani balleesse, Meeshaa argine keessaa kaabbaa Sanaa'orii ka bareedu, birrii saqilii dhibba lamaatii fi worqii saqilii shantamaa argee hawwee fudhadheera; daasee kiyya keessa lafatti awwaalameera; birriin waan awwaalame maraayyuu jala jirti» jedheen. Kanaan maayessa Iyyaasuun namoota erge; isaanillee gara daase'ee dhaqanii waan inni hatee dhosse daasee keessatti argan; birriin, meeshaa hirmi'ii ka awwaalame sanniin maraayyuu jalatti argame; waan daasee keessaa fuudhan maraa gara Iyyaasu'uutii fi gara ijoollee Israa'elii fidanii Rabbiin afoo kaayan. Iyyaasuunii fi worri Israa'elii maruu ilma Zaara'aa Akaaniin birrii isaa, kaabbaa, worqii, ijoollee isaa ta dhiiraatii fi ta intalaa, sangoota, harriin, hoolota, waan daasee keessa jiru maraa fuudhanii gara dhooqa Aakoorii isaan fidan. Iyyaasuun Akaaniin «Maaf nu rakkifta? Rabbi adha si rakkisa» jedheen; achiin maayessa worri Israa'elii dhaga'aan tumanii isa ajjeessanii ibiddatti guban. Hulee isa itti guban irratti dhagaa guddaa haga adhaa mudhatu tuullaan Rabbillee lola irraa deebi'e; kanaaf maqaan hulee sanii haga adhaa dhooqa Aakoorii jedhamee waamama. Kanaan maayessa Rabbi Iyyaasu'uun, «Hin sodaatin, hin nayin, loltoota tee maraa qabadhuutii gara Gaayii dhaqii laalii mootii Gaayiitii fi banii qachaa sanii, biyya san maraa dabarsee sii kenneera; akkuma Iyyaariko'oo fi mootii Iyyaariko'oo goote, Gaayii fi mootii kanallee hin goota, boojuu isi'iitii fi horii isi'ii garuu hin saamtan; qachattii duubatti loltoota dhossa'aan kaayi» jedheen. Iyyaasu'uu fi loltoonni maruu gara Gaayii bawu'uuf ka'an; Iyyaasuun namoota jajjabaa kuma soddomaa filee halkaniin ergee, «Qachaa duubatti dhokadhaa'a; qachattii irraa hin fagaatinaa'a; isin maruu qophaayaa'a; Anii fi baniin na woliin jiru maruu gara qachatti'ii dhiyaannaa. Akkuma duraa nuun lolu'uuf yoo nutti dhufan isaan jalaa dheessina. Akka duraan isaan jalaa dheessine sanitti waan isaan jalaa dheessinu seeyanii qachattii keessaa bayanii haga fagaatanitti nu faanaa deeman; nullee isaan jalaa dheessina. Isinillee hulee itti riphxanii dhokattan sanii ka'aa'a; Rabbi Waandhi keessan qachattii san waan isinii kennuuf qachattii san qabadhaa'a. Akkuma qachattii san qabattaniin ibiddaan gubaa'a; waan ani isin ajajeef akkuma dubbii Rabbii godhaa'a» jedheen. Kanaan maayessa Iyyaasuun isaan erge, isaanillee gara hulee itti dhokatanii dhaqanii Gaayii fi Beeteeliin jidduu ladda Gaayii karaa bita'aatiin riphanii taa'an; Iyyaasuun garuu halkan san banii woliin bule. Iyyaasuun ganamaan ka'ee banii hiriirse; inninii fi jaarsonni Israa'elii banii firrisanii gara Gaayii dhaqan. Loltoonni isa woliin jiran maruu bayanii qachattii bira gayanii gara mirgaatiin Gaayiin biratti quphatan; isaanii fi Gaayiin jidduu dhooqatu jira. Iyyaasuun haga namoota kuma shanii fuudhee Beeteelii fi Gaayiin jidduu karaa dhiyaatiin qachattii keessatti isaan dhosse. Loltoota qachattii keessa karaa mirgaatiin kaaye maraa, banii qachattii keessa karaa bita'aatiin dhossan, Iyyaasuun galgaluma san gara dhooqaa dhaqe. Mootiin Gaayii haga isaan arge worri qachattii keessaa ganamaan ariifatanii ka'an; inninii fi baniin maruu hennaa gabaabaa keessatti Arabaa afo'ootitti baniin maruu Israa'eliin lolu'uuf bayan; qachattii duubaan garuu akka loltuun dhokatee ripheeru hin beenne ture. Iyyaasuunii fi worri Israa'elii maruu akka waan mooyatamaniititti isaan jalaa gara lafa gammoojji'ii dheessan. Namoonni qachattii keessaa maruu isaan ari'u'uuf waamamanii Iyyaasuu uduu ari'an qachattii irraa akka fagaatan godhan. Gaayii fi Beeteeliin keessatti namni Israa'eliin ari'u'uuf ka hin baane hin jiru; qachattii duwwaa dhiisanii worra Israa'elii ari'an. Kanaan maayessa Rabbi Iyyaasu'uun, «Gaayiin dabarsee waan sii kennuuf sibiila harkaa qabdu itti qajeelchi» jedheen; Iyyaasuunillee sibiila harkaa qabu qachatti'itti qajeelche. Worri riphanillee daddafanii hulee itti riphanii ka'an; akkuma Iyyaasuun harka ufii gara diinaa qabeen loltoonni isaa gara qachatti'ii seenanii isaan qabanii daddafanii qachattii san ibiddaan guban. Namoonni Gaayiillee uf irra midhatanii hennaa aarri qachattii san keessaa gara sami'ii ol aaru argan; bita'aa fi mirgattillee dheessuu dadhabanii gara banii Israa'elii ka gara lafa gammoojji'ii keessa isaan ari'aaranitti gara galan. Iyyaasuunii fi worri Israa'elii maruu akkuma worri riphaniiran qachattii qabaniin aarri qachatti'iillee gara sami'ii akka ol aara'aaru hennaa argan uf irra gara galanii namoota Gaayii ajjeessan. Namoonni kuuwwanillee duubaan itti nam'an; qachattii keessaa baasan namoonni Gaayiillee banii jidduu ta'an, baniin Israa'eliillee isaan marsee namni tokkollee uduu hin hafne isaan fixan. Mootii Gaayii garuu uduu hin ajjeefne qabanii gara Iyyaasu'uu fidan. Namoonni Gaayii worri Israa'eliin fixu'uuf deeman maraa lafa raasa'aa gammoojjii keessatti haga fixaniin maayessa, haga isaan dhumanitti guraade'een haga fixaniin maayessa, worri Israa'elii maruu gara Gaayii deebi'an. Guyyaa san namoonni Gaayii worri guraade'een dhuman dhiiraa fi intalti maruu haga namoota kuma kudha lamaa turan. Iyyaasuun worra Gaayiin keessa jiraatan maraa haga guraade'een fixutti harka ufii gad hin deebifanne. Garuu akkuma Rabbi Iyyaasuu ajaje, hori'ii fi boojuu qachattii sanii mara worri Israa'elii ufumaa saamanii fudhatan. Iyyaasuun Gaayiin gubee haga adhaa qachattiin sun diiggamtee baraa haga bara baraa ona taasise. Mootii Gaayii garuu haga galgalaa muka irratti fannisee haga aduun dhiite reeffa isaa akka muka irraa buusan ajaje; isaanillee reeffa isaa muka irraa buusanii akka balbala qachatti'iititti gatan godhe; reeffa isaa irrattillee dhagaa guddaa haga adhaa jiru tuulan. Achiin maayessa Iyyaasuun gaara Geebaalii irratti Rabbii Waaqa Israa'eliitii hulee ciincaa itti ciinceessan hojjate; akkuma garbichi Rabbii Muuseen ijoollee Israa'elii ajajetti, akkuma kitaaba seera Muuse'ee irratti barreeffametti huleen ciinca'aa dhagaa hin woqaramnee fi ka sibiilli hin tundhe irratti ciincaa ciincawu Rabbii dhiyeessan; ciincaa fayyumma'aallee hin ciinceessan. Iyyaasuun uduma ijoolleen Israa'elii argan hulee sanitti dhagaa sanniin irratti seera Muuse'ee barreesse. Akkuma garbichi Rabbii Muuseen ajaje, banii Israa'elii firrisanii akka eebbisan worri Israa'elii maruu, jaarsonni isaanii, bulchoonni isaanii, abbootiin murti'ii, ijoolleen biyyaa worri isaanitti galee isaan keessa jiraatu, gariin gaara Gaariizaanii afo'otti gariin gaara Geebaalii afoo dhaabatanii worra Leewwotaatii fi gadoota saanduuqa waada'aa ka Rabbii afoo, gamaa fi gamana saanduuqa waada'aa marsanii dhaabatanii turan. Achiin maayessa akkuma kitaaba seeraa irratti barreeffame maraa jecha seeraa maraa, eebbaa fi abaarsa dubbise. Iyyaasuunillee banii Israa'elii maraa, ijoollee intalaa, daa'imman worra isaanitti galanii isaan keessa jiraatan maraa afo'otti dubbise, waan Muuseen ajaje irraa jecha tokkollee hin hambifne. Mootonni Keexotaa, Amoorotaa, Kana'aanotaa, Feerzotaa, Eewwotaa, Iyyaabusootaa, laga Yoordaanosii gama lafa onaa ka gaaraa qaccee galaanaa guddaa Meditiraaniyaanii Libaanosiin afoo jiran haga waan kana dhagayan; Iyyaasu'uu fi worra Israa'eliitiin lolu'uuf tokko ta'anii wolitti qabaman. Namoonni Gabaa'oonii garuu waan Iyyaasuun Iyyaariko'oo fi Gaayiin irratti godhe hennaa dhagayan isaanillee isaan irratti dhara hojjatan. Ufiif dhalee qabatanii qalqala moofaa hodhametti daadhii buusanii harriin ufiititti fe'atan; uffata moofee bibbiinxame uffatanii kophee ciccitaa hohodhame godhatanii buddeenni dhalee godhatanillee ka gogee fi ka aararraaye ture. Haga waan kanniin godhanii raawwataniin maayessa, Gelgelaa hulee Iyyaasuun itti quphatee dhaqanii isaa fi worra Israa'eliitiin, «Biyya fago'oo dhufneerraa ammallee nu woliin waadaa galaa'a» isaaniin jedhan. Namoonni Israa'elii worra Eewwotaatiin, «Maal laataa yoo ka isin nu woliin teettan ta'e, attamitti isin woliin waadaa galla?» isaaniin jedhan. Isaan Iyyaasu'uun, «Nu garboota teeti» jedhaniin; Iyyaasuunillee, «Isin eennu fa'a? Eessaa dhuftan?» isaaniin jedhe. Isaanillee akkana jedhaniin «Sababaa maqaa Rabbii Waaqa keetiitiin biyya guddisee fagaatu irraa dhufneerra» gurra isaa waan inni biyya Misirii irratti godhe maraa, mootota Amoorotaatii fi mootii Haseboonii Seewooniin mootii Baasaanii ka Astaarootiin keessa ture ka Hasebooniin keessa jiru Aagiin laga Yoordaanosiitiin gamatti waan godhe maraa dhageenneerra. Jaarsonni keenna, worri biyya keenna keessa jiraatan maruu imala deemtaniif dhalee harkatti qabadhaa'a; gara isaanii dhaqaa'a; nu garboota teessanii ammallee nu woliin waadaa galaa'a isaaniin jedhaa'a» nuun jedhan. Guyyaa gara keessan dhufu'uuf kaane, buddeena kana dhalee oo'aa qabannee turre amma garuu nu jalaa aararraayee goge. Qalqallan daadhi'ii kunniin hennaa inni haarawaa itti nandheerra; amma garuu nu jalaa dhooye, karaan waan guddisee fagoo ta'eef uffanni keennaa fi kopheen keennallee nu jalaa moofeera» jedhaniin. Worri Israa'elii uduu Rabbiin hin gaafanne dhalee isaanii irraa fudhatan. Kanaafuu Iyyaasuun isaan woliin nagaya buusee isaaniin wolii galee akka jireennaan jiraatan isaan woliin waadaa gale; bulchoonni bani'iillee isaanii kakatan. Haga isaan woliin waadaa galan guyyaa sadihiin maayessa, akka isaan woliin ollaa isaanii ta'anii isaan woliin jiraatan dhagayan. Ijoolleen Israa'eliillee deemanii guyyaa sadeesso'ootitti gara qachoota isaanii dhaqan; maqaan qachoota isaaniillee Gabaa'oon, Kafiiraa, Bi'eerootii fi Qiriyaatiyi'aarim jedhaman ture; bulchoonni bani'iitii fi ijoolleen Israa'elii maqaa Rabbii Waaqa Israa'eliitiin waan isaanii kakataniiraniif isaan hin tundhe; baniin maruu bulchoota isaanii irratti guguunguman; bulchoonni maruu banii maraanuu «Rabbii Waaqa Israa'eliitiin waan isaanii kakanneef isaan hin tundhu. Kakuu isaanii kakanne saniif Rabbi akka nuun hin lolle nu homaa isaan hin goonu, lubbu'uun haa jiraatanii» isaaniin jedhan. Bulchoonnillee lubbu'uun haa jiraatanii isaaniin jedhan. Akkuma bulchoonni isaaniin jedhan banii maraafuu worra qoraan cabsanii fi worra bisaan woraaban ta'an. Iyyaasuun isaan waamee «Isin hennaa nu woliin jiraattan maaf biyya fago'oo dhufne jettanii nu sobdan? Isin amma worra abaarame isin keessaa mana gooftaa kiyyaatii garbichi qoraan cabsuu fi ka bisaan woraabu baraa haga bara baraa hin dhabamu» isaaniin jedhe. Isaanillee Iyyaasu'uun, «Akka nu garboonni tee akkuma Rabbi garbicha ufii Muusee ajajetti akka lafa maraa isinii kennu worra lafa san irra jiraatan maraa afoo keessanii balleessu dhugamaan dhageenneerra; kanaafuu waan lubbuu keennaatiif guddifnee isin sodaannee waan kana goone. Nu ammallee harkuma kee jirra; waan si afo'otti misha'aa fi qajeelaa ta'e maraa nu irratti godhi» jedhaniin. Kanaafuu innillee akksuma isaan irratti godhe harka ijoollee Israa'eliitii isaan hambise, ijoolleen Israa'eliillee isaan hin ajjeefne; guyyaa san Iyyaasuun bani'iif hulee isaan filetti ciincaa Rabbiitiif worra qoraan cabsanii fi worra bisaan woraaban isaan godhe. Mootii Yerusaalemii Adoonitsedeq akka Iyyaasuun Gaayiin qabatee sirima akka isii balleesse, waan Iyyaariko'oo fi mootii isi'ii irratti godhe, akkasuma waan Gaayii fi mootii isi'ii irratti godhe, akka namoonni Gabaa'oonii worra Israa'elii woliin wolii galtee nagayaa akka godhatanii fi isaan woliin akka jiraatan hennaa dhagaye, qachattiin Gabaa'oonii qachoota moototaa keessaa qachaa guddoo Gaayiin caalte waan taateef namoonni isi'ii maruu jajjabaa waan ta'aniif guddisee isaan sodaate. Kanaafuu mootiin Yerusaalemii Adoonitsedeq gara mootii biyya Keebroonii, Hoohamii, gara mootii biyya Riimuutii, Phiri'aamii, gara mootii biyya Kiiso'oo Yaafi'a'aa, Adoolaamiitii fi gara mootii Daabeerii erge. «Kootta'aatii Gabaa'oon waan Iyyaasu'uu fi ijoollee Israa'elii woliin wolii galaniiraniif isaaniin lollaa na gargaaraa'a» jedhe. Mootonni worra Amoorotaa shanan mootiin Yerusaalemii, mootiin Keebroonii, mootiin Riimuutii, mootiin Laaksoonii fi mootiin Adoolaamii loltoota ufii maraa woliin wol gayanii bayanii Gabaa'ooniin woliin wol lolu'uuf isii marsanii lola itti banan. Namoonni Gabaa'ooniillee gara Gelgelaa Iyyaasuun itti quphateeruu erganii, «Nu garboota tee gargaaru'uuf harka kee nu irraa hin deebisin; mootonni worra Amoorotaa ka biyya gaaraa jiraatan maruu nu marsaniiranii daddafii gara keenna koottuu nu gargaarii nu hambis!» jedhaniin. Kanaafuu Iyyaasuunii fi duulli isa woliin jiran maruu worri hunna qaban jajjabeeyyiin maruu Gelgelaa keessaa bayan. Rabbi Iyyaasu'uun «Isaan harka keetitti dabarsee sii kenneeraa isaan hin sodaatin, isaan keessaa namni tokkollee ka si danda'u hin jiru» jedheen. Iyyaasuun Gelgela'aa ka'ee halkan guutuu deema'aa bulee dimmaa isaanitti dhufe. Rabbi Israa'eliin afo'otti isaan naasise, Gaabooniitti isaan rukutee karaa cinaa goodda Beetihooriitiin isaan ari'ee Azeeqa'aa haga Maqeeda'aatitti isaan fixe. Isaan ijoollee Israa'elii jalaa dheessanii uduu dhooqa Beetihoorii gad bu'an haga isaan Azeeqaa gayanitti Rabbi samii irraa baradaa dhaga'aa gugurdaa isaan irratti roobsinaan dhuman; worra ijoolleen Israa'elii guraade'een ajjeesan caalaa worra dhagaa barada'aatiin dhumantu caala. Guyyaa Rabbi worra Amoorotaa harka ijoollee Israa'eliititti dabarsee kenne, Iyyaasuun ijoollee Israa'elii afo'otti Rabbiin «Aduun Gabaa'ooniin irratti, addeessi dhooqa Eeloonii irratti haa dhaabatuu» jedheen. Kanaaf baniin haga diintota ufii haluu bayanitti aduun hin dhaabatte, addeessillee bakka jiruu uduu hin sochoone ture; wonti kun kitaaba Yaashaarii keessatti barreeffameera; guyyaa san aduun samii wodhakkaa dhaabatte; guyyaa guutuu uduu hin sochoone oolte. Rabbi Israa'eliif waan loleef, guyyaan Rabbi jecha namaa itti dhagaye, guyyaan akkasii achiin duraa fi achiin maayessallee hin turre. Kanaan maayessa Iyyaasuunii fi worri Israa'elii maruu gara Gelgela'aa gara qe'ee ufii dacha'an. Mootonni shanan kunniin dheessanii goda Maqeeda'aatitti dhokatanii turan; Iyyaasu'utti mootonni shananuu goda Maqeeda'aatitti dhokataniiran jedhanii himan. Iyyaasuunillee akkana jedhee isaan ajaje «Afaan godaatitti dhagaa gugurdaa gangalcha'aatii namoota eegan itti godhaa'a; isin garuu achi hin turinaa'a, diintota keessanillee ari'aa'a, worra duubaan jiranillee ajjeesaa'a; Rabbi Waandhi keessan dabarsee waan isinii kenneeruuf gara qachoota ufii deebi'anii akka hin galle dhooggaa'a» jedhe. Iyyaasuunii fi ijoolleen Israa'elii akka malee dhayaanii haga isaan balleessaniin maayessa worri isaan jalaa miliqan gara qachaa dallawamtee seenan; baniin maruu gara hulee Iyyaasuun itti quphateeruu gara Maqeeda'aa nagayaan deebi'an; ijoollee Israa'eliititti namni uggee arraba ufii sochoose tokkollee hin jiru. Achiin maayessa Iyyaasuunillee, «Balbala godaa bana'aatii mootota shanan sanniin gad baasa'aatii natti fidaa'a» jedhe. Kanaaf mootota shanan Yerusaalemii, mootii Keebroonii, mootii Yaarimii, mootii Laakisoo mootii Adoolaamii goda keessaa gara isaa isaan baasan. Hennaa isaan mootota sanniin gara Iyyaasu'uu baasan, Iyyaasuun namoota Israa'elii maraa waamee bulchoota loltootaa worra isa woliin deeman as kootta'aatii mootota kanniin lukaa fi morma isaanii irra ijjadhaa'a isaaniin jedhe; isaanillee gara isaa dhufanii morma mootota sanniinii irra ijjatan. Iyyaasuun worra ufiitiin, Rabbi diintota isin loltaniin maraa akkasuma waan godhuuf hin sodaatinaa'a, hin nayinaa'a, jabaadhaa'a, dhaabadhaa'a isaaniin jedhe. Achiin maayessa tumanii isaan ajjeesanii muka shanan irratti isaan fannisan; haga galgalaa mukuma sanniin irra turan. Haga aduun dhiite Iyyaasuun isaan ajanyaan muka irraa buusanii goduma qara isaan itti dhokatanitti reeffa isaanii gatanii dhagaa guddaa fuudhanii afaan boollaa kaayan; dhagaan sun haga adhaa afaan boollaa irra jira. Guyyaa san Iyyaasuun Maqeedaa qabatee isi'ii fi mootota isi'ii guraade'een fixe; worra isii keessa jiran maraa sirima balleesse; hin fixe, isaan keessaa tokkollee hin hambifne; akkuma mootii Iyyaariko'oo godhe akkasuma mootii Maqeeda'aallee godhe. Achiin maayessa Iyyaasu'uu fi worri Israa'elii maruu Maqeeda'aa gara Libina'aa deemanii Libinaallee akkasuma balaa itti buusanii dhayan. Rabbi isi'ii fi mootii isi'iillee dabarsee Israa'elii kenne; isi'ii fi waan isii keessa jiru maraa guraade'een fixe, isii keessatti waan tokkollee hin hambifne; akkuma mootii Iyyaariko'oo godhe, mootii Liibina'aallee godhe. Achiin maayessa Iyyaasuunii fi worri Israa'elii maruu Libina'aa gara Lakisoo dhaqanii marsanii dhayan. Rabbi Lakisoo harka isaaniititti dabarsee kenne; isaanillee guyyaa lammeesso'ootitti isii qabatan; waanuma Liibinaa irratti godhan isi'ii fi waan isii keessa jiru maraa guraade'een fixan. Hennaa san mootiin Geezeerii Hooraam Lakiisoon gargaaru'uuf baye; garuu Iyyaasuun eennullee uduu hin hafne isaa fi banii isaa maraa dhaye. Iyyaasuunii fi worri Israa'elii maruu Lakisoo gara Adoolaamii deemanii marsanii isii dhayan. Guyyama san qabanii guraade'een dhayan; akkuma Lakisoon godhan mara worra isii keessa jiraatan maraa guyyama san isaan maraa ajjeesan. Kanaan maayessa Iyyaasuunii fi worri Israa'elii maruu Adoolaamii gara Keebroonii dhaqanii isii dhayanii qabatan. Isi'ii fi mootota isi'ii, qachoota isi'ii maraa, worra isii keessa jiraatan maraa guraade'een dhayan; akkuma Adoolaamiin godhan isaan keessaallee eennuunillee hin hambifne; isi'ii fi worra isii keessa jiraatan maraa sirima balleessan. Kanaan maayessa Iyyaasuunii fi worri Israa'elii maruu gara Daabeerii dhaqanii dhayan. Isi'ii fi mootota isi'ii, qachoota isi'ii qabatanii guraade'een dhayan. Waan isii keessa jiru maraa sirima balleessan; womaa hin hambifne; akkuma Keebrooniin, Libina'aa fi mootii isi'iillee godhan, akkasuma Daabeerii fi mootii isi'ii irrattillee godhan. Akkuma kana Iyyaasuun lafa maraa, lafa biyya gaaraa maraa, lafa dhooqaatii fi mootota isi'ii maraa tokko uduu hin hafin dhaye; akkuma Rabbi Waandhi Israa'elii isa ajaje waan lubbuu qabu maraa sirima balleesse. Iyyaasuun Qaadesii Barne'eetii haga Gaaza'aa, biyya Goosoomiitii haga biyya Gabaa'oonii maraa dhaye. Rabbi Waandhi Israa'elii worra Israa'eliitii waan loleef Iyyaasuun mootota kanniin maraa lafa isaaniillee hennaa tokkoon qabate. Kanaan maayessa Iyyaasuunii fi worri Israa'elii maruu gara Gelgelaa hulee itti quphatanitti deebi'an. Mootiin Aasoorii Iyyaabiis haga waan kana dhagaye, gara mootii Maadoonii, gara mootii Yoobaabii, gara mootii shimroonii, gara mootii Asifiimii, gara mirgaatiin gara biyya gaaraa, gara Keenereetii, gara bita'aatiin Araba, gammoojjii gara cinaa dhiyaatiin, gara worra tulluu Doorii jiranii, Gara baya biiftu'uutii fi gara dhiyaatiin jiruu gara Kana'aanotaa, Amoorotaa, Keexotaa, Feerzotaa, Iyyaabusootaatii fi gara gadiitiin Eewwota gara Mitsipha'aatitti erge. Kunniin maruu loltoota ufii baay'ee guddaa, worra fardaatii fi worra konkolaataa fardaa woliin bayan; laakkobsi banii bayeellee akka xidhacha daangaa galaanaa baay'ata ture. Mootonni kunniin maruu wol gayanii Israa'eliin lolu'uuf dhufanii burqaa Maaroon laddatti quphatan. Rabbi Iyyaasu'uun, «Boru hennaa akkanaa namoota maraa akka waan du'aniititti dabarsee ijoollee Israa'eliititti waan kennuuf isaan hin sodaatin; moorgaya luka faradoo isaanii hin kutta, konkolaataa isaanii ka fardaallee ibiddaan gubda» jedheen. Achiin maayessa Iyyaasuun loltoota isaa maraa woliin gara ladda bisaan Maarooniititti isaanitti dhufee balaa isaanitti buuse. Rabbillee harka Israa'eliititti dabarsee isaan kenne; isaanillee isaan dhayanii Siidoonaa gudditti'ii haga Maaseroonii baya biiftu'uutiin jirtu haga gara dhooqa Mitsipha'aa isaan ari'anii eennuunillee uduu hin hambisin isaan fixan. Iyyaasuunillee akkuma Rabbi isa ajaje godhe, Moorgaya luka faradoo isaanii hin kukkute, konkolaataa isaanii ka fardaa ibiddaan gube. Achiin maayessa Iyyaasuun deebi'ee qachaa Aasoorii qabatee mootii isi'ii guraade'een ajjeese; Aasoor asiin dura qachaa guddittii mootota tanaa turte. Worra isii keessa jiru maraa tokkollee uduu hin hafin guraade'een fixanii sirima isaan balleessan, waan lubbuu qabu maraa hin hambifne, Aasooriin ibiddaan gube. Akkuma garbichi Rabbii Muuseen Iyyaasuu ajaje qachoota mootota kanniinii mara, mootota isaanii maraa qabatee guraade'een isaan dhayee sirima isaan balleesse. Israa'el qachoota goodda irra jiran maraa hin gubne; garuu Israa'el Aasooriin callaa gube. Ijoolleen Israa'elii horii qachoota kanniin keessa jiru maraa hin booji'an; namoota maraa dhayanii guraade'een fixan; waan lubbuu qabu maraa womaa hin hambifne. Akkuma Rabbi garbicha ufii Muusee ajaje, Muuseenillee Iyyaasuu ajajetti Iyyaasuunillee akkasuma godhe; waan Rabbi Muusee ajaje maraa keessaa tokkollee hin hambifne. Iyyaasuun lafa san maraa, gaara, biyya Gosoomii, gammoojjii Arabaatii fi gaara Israa'elii ka lafa gammoojji'ii maraa qabatee, haga gaara Seeyirii irraa ka'uu gaara Ermooniitii gadii jalqabee haga dhooqa Libaanosiin keessa jiruu mootota haga Algaadii jiran maraa dhayee isaan fixe. Iyyaasuun bara baay'e'eef mootota kanniin maraa woliin wol lola'aa ture. Eewwotaa Gabaa'ooniin keessa jiraataniin alatti qachattiin ijoollee Israa'elii woliin wolii galte tokkollee hin jirtu; Maraa lolaan qabatan. Akkuma Rabbi Muusee ajaje akka isaan balleessanii fi gaachenallee akka isaan hin arganne sirima akka isaan balleessan, akka lapheen isaanii jabaatee Israa'eliin wol lolan Rabbi godhe. Hennaa san Iyyaasuun dhaqee biyya gaaraa Keebroon, Daabeer, Aanaab, gaara Israa'elii, gaara Yihuuda'aatii achi ijoollee Eenaaqii ajjeesee qachoota isaanii woliin sirima balleesse. Gaazaa, Geetii fi Azaaxoonitti namoonni hagoon hafan malee biyya Israa'elii keessatti ijoollee Eenaaqii keessaa homaa hin hafne. Akkuma Rabbi Muuse'etti hime Iyyaasuun biyya maraa fudhatee worra Israa'eliitii fi akkuma gosa isaaniititti biyya maraa isaanii kenne, achiin maayessa lolli biyya maraa irraa dhaabate. Biyyi ijoolleen Israa'elii dhoofte dhooqa Aarnooniitii jalqabee haga gaara Armooni'eemii, Araba gara baya biiftu'uutiin jirtu, biyya laga Yoordaanosiitiin gama gara baya biiftu'uutii jiru, mootonni isaan dhaalan kanniin fa'a. Haseboonii irraa jalqabee haga Aarnoonii haga daangaa dhooqa Aroo'eerii wodhakkaa gala'aadii laga Yaabooqii, haga daangaa ijoollee Amoonii, Araba gara baya biiftu'uutiin jirtuu haga galaana Kineereetii, karaa Beetashimootii biraan haga galaana Arabaatii fi haga galaana Sooqiddaa gara bita'aatiin lafa qaccee gaara faasika'aatiin jiruu ka mootiin Amoorotaa Seewoon bulcheeti. Akkasuma ka gosa Raaffaayimii irraa hafe mootii Baasaanii ka Aagii biyya Astirootiitii fi Eediraayii keessa jiraata'aa tureeti. Gaara Armooni'eemii Saalkaan, Baasaanii haga Geeshurootaa haga daangaa Maayikatootaa mara, wodhakkaa Gala'aadiitii haga mootii Haseboonii, haga daangaa Seewoonii ka mootiin Aagii bulcha'aa tureeti. Garbichi Rabbii Muuseenii fi ijoolleen Israa'elii hin dhayaniin; garbichi Rabbii Muuseen lafa dhaalan ijoollee Roobeeliitii, ijoollee Gaadiitii fi wodhakkaa gosa Minaase'eetiif lafa isaanii kenneef. Iyyaasuunii fi baniin Israa'elii mootota laga Yoordaanosiitiin gama gara dhiya adu'uutiin jiran maraa mooyatan; lafti sun dhooqa Libaanosii ka Ba'aalgaadii jalqabee haga gaara Seeyirii, haga gaara Haalaakii ka Eedoomiin gara bita'aatiin jiruu gaya ture; Iyyaasuun lafa kana qoqqoodee gosa maraafuu kenne. Gayeen lafa kanaa tulluuwwan gara dhiya adu'uutiin jiranii, dhooqa Yoordaanosiitii fi tulloota garaa jala jiran ka gara lafa dhooqaa ka gara baya biiftu'uutiin jiranii fi lafa gammoojji'ii ka gara bita'aatiin jiru maraa wolitti qabata ture; lafti kun dura lafa Keexotaa, Amoorotaa, Kana'aanotaa, Feerzotaa, Eewwotaatii fi ka Iyyaabusootaa ture. Mootiin Iyyaariko'oo ka Beeteelii Gaayiin biraati, mootiin Yerusaalemii, mootiin Keebroonii, mootiin Yermuutii, mootii laakisoo, mootii Heerma'aa, mootii Araadii, mootii Libina'aa, mootii Adoolaamii mootii Meqeeda'aa, mootii Beeteel, mootii Maadoonii, mootii Asoorii, mootii Sheemiroon, Meeroon, mootii Asiif, mootii Ta'inaakii, mootii Meeqidoo, mootii Qaadees, mootii Yooqini'aamii ka Qarmeloosiin ture, mootii Doorii ka tulluu Doorii irra ture, mootii Gelgela'aa ka worra ormaa, mootii Tersa'aa, mootonni kunniin maruu wolitti qaba'atti soddomii tokko turan. Iyyaasuun umuri'iin nama guddaa ta'ee jaare; Rabbillee «Ati jaartee nama guddaa taateerta; biyyi hin booji'amne ammallee baay'e'etu hafe. Biyyoonni hafan kanniin; biyyi Filisxeemiitii fi biyyi Geeshurootaa maruu, Laga shihoorii ka biyya Misirii afoo jiruu jalqabee haga daangaa biyya Kana'aanii taate Gaazaa, Azaaxoon, Asqaloonaa, Geetii haga Aqaroonii jajjaboonni shanan worri gara bita'aatiin jiranillee Worri Eewwotaa, worri biyya Kana'aanii maruu, Ma'aaraa worra Siidona'aatii haga daangaa Amoorotaa haga Afeqii, worri biyya Gebaalotaa, Algaadii gara baya biiftu'uutiin gaara worra Armoonotaa jirtuu jalqabee haga seensa hamaatii, Libaanosiin maruu, worri gaara irra jiraatan maruu Libaanosii jalqabee haga Maaseroonii, Siidoonaan maruu, kanniin maraa afoo ijoollee Israa'eliitii ari'a; akkuma ani si ajaje lafa isaanii worra Israa'eliitii qoodiif. Ammallee lafa tana gosa sagaliifuu, wodhakkaa gosa Minaase'eetii qoodi︀ » jedheen. Akkuma garbichi Rabbii Muuseen isaanii kenne, Minaasee, ijoollee Roobeeliitii fi ijoollee Gaadiitii ka Muuseen laga Yoordaanosiitiin gamatti lafa isaanii kenne fudhatan. Qachaa daangaa dhooqa Aarnoonii jirtu ta dhooqa Aaro'eerii jiddu'uu jalqabee haga raasaa Meediba'aatii haga Diboonii gaya; qachoonni mootiin Haseboonii irratti mooyee haga daangaa ijoollee Amoonii, Gala'aadiin, Geeshurootaa fi haga daangaa Maayikootaa mara, Gaara Armooni'eemii baasanii, haga Saalka'aa jiru mootii Astaroona'aa ka Edraayitti mooye, mootii Aagii mara inni ka Raaffaayimiin irraa hafe, kunniin ka Muuseen ari'ee isaan yaasee ture. Ijoolleen Israa'elii garuu Geeshurootaa fi worra Maayikootaa uf keessaa hin baafne; isaan haga ammaa isaan woliin jiraata'aaran. Muuseen garuu gosa Leewwi'iitii lafa hin kennine; akkuma inni isaanitti dubbate ciincaan ibiddaan Rabbii Waaqaaf dhiyaatu gayee isaaniiti. Muuseen ijoollee Roobeeliitii akkuma gosa isaaniitiin lafa kenne. Daangaan isaaniillee dhooqa Aarnooniitii daangaa Aro'eerii jidduu jirtuu jalqabee haga raasaa Midiba'aa maraa Haseboon, qachoota isii keessa jiran maraa, Dibooniin, Baamoota'aal, Beetiba'aalmi'oon, Yaahiis, Qideemooti, Meefi'aati, Qiryaataarim, Seebaamaa'a. Phexishaar ta gaara dhooqa keessa jirtuu, Beetafaagoor, lafa gaara faasika'aatii gad jirtuu. Beetiyaashimoot, qachoonni raasaa keessa jiran maruu, mootiin Amoorotaa ka Haseboonitti mooye, mootonni Seewoonii maruu mootii Hasebooniitii gibira kenna'aa turan. Muuseen isaa fi abboota murti'ii ka lafa Seewoonii keessa jiraatan, bulchoota Miidiyaamii Eewiin, Roqoom, Suuriin, Huuriin Riibaa fa'a dhaye. Worra ajjeesan kaawwan woliin ilma Bi'oorii morticha worra gosa Israa'elii Bala'aamiinillee guraade'een ajjeesan. Daangaan ijoollee Roobeelii haga laga Yoordaanosii ture; lafti ijoollee Roobeelii qachootaa fi gandoonni akkuma gosa isaaniitiin kanniin ture. Muuseen ijoollee gosa Gaadiitii akkuma gosa isaaniitiin lafa isaanii kenne. Daangaan isaaniillee qachaa Iyyaazeeriitii fi qachaa Gala'aadii maraa, haga lafa wodhakkaa ijoollee Amoonotaa Barabaatiin afoo jirtuu haga Aro'eerii, Haseboonii jalqabee, Haga Raamaatii Mitsipha'aa haga Beexoonimii Mahaanaayimii haga daangaa Daabeerii, Beetihaaramii dhooqa keessaa, Beetinimiraa, Suukooti, Tsafoon, mootii Hasebooniitii fi mootii Seewooniitii ta hafte ture; daangaan isaaniillee Yoordaanosii gara cinaa baya biiftu'uu Yoordaanosiin gama daangaa galaana Kineereetii ture. Lafti ijoollee Gaadiitii fi gandinii fi qachaan isaanii akka gosa isaaniitiin kanniin. Muuseen wodhakkaa gosa Minaase'eetii lafa kenne. Lafti ijoollee Minaase'ee akka gosa isaaniitiin kana ture. Daangaan isaanii Manaayii jalqabee haga mootii Baasaanii Aagii, Baasaan, gandoonni Iyyaa'irii ka Baasaaniin keessa jiran, qachoonni jahaatamaa maruu wodhakkaan gala'aadii. Mootonni Aagii ka qachoota Baasaanii keessa jiran, Astaarootii fi Eediraayi; Kunniin ilma Minaase'ee ka ijoollee Maakiriiti; lafti ijoollee Maakirii akka gosa isaaniitiin kana ture. Lafti Muuseen uduu karaa baya biiftu'uu Iyyaarikoo afoo raasaa laga Yoordaanosiitiin gama raasaa moo'aabii jiru qoode kana. Muuseen gosa Leewwi'iitiif lafa hin kennine; lafti isaanii akkuma Rabbi Waandhi isaanii jedhe; Rabbi gayee isaaniiti. Ijoolleen Israa'elii ta biyya Kana'aanii dhaalan gadichi Alaazarii fi ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun worra ijoollee Israa'eliitii fi bulchoota abbootaatiif qoodan kana. Akkuma Rabbi Muusee ajajetti gosoota salganiif cinaa lafa isaanii akkuma hixaa isaaniitiin isaanii qoodan. Gosa lamaaniif wodhakkaa gosaatiif Muuseen laga Yoordaanosii gamatti kenneefii ture; garuu worra Leewwotaa ka isaan jidduu jiraataniif lafa hin kennine. Ijoolleen Yooseefii Minaaseenii fi Efreem gosa lama turan; worra Leewwotaatii qachoota keessa jiraatan hulee horii ufii itti bobbaafatanii achi lafa woyiituu isaanii hin kennine. Akkuma Rabbi Waandhi Muusee ajaje ijoolleen Israa'elii akkasumatti lafa qoodaman. Ijoolleen Yihuuda'aa Gelgala'atti gara Iyyaasu'uu dhaqanii ilmi Yoofoonii Qaanezichi Kaaleeb akkana jedheen «Waan Rabbi waan kiyyaa fi kee Qaadesii Bane'eetitti nama Rabbii Muuse'etti dubbate hin beetta. Hennaa garbichi Rabbii Muuseen akka ani biyyattii gaaduuf Qaadesii Barne'eetitti na erge ani nama woggaa afurtamaa ture; ani hennaa san waan na keessa jiru deebiseef. Obboleewwan tiyya ta na woliin baate garuu guddisanii banii sodaachisan; ani garuu sirima Rabbii Waaqa kiyya duukaa bu'e. Muuseen guyyaa san, ‹Waan Rabbii kiyya sirri'itti duukaa buuteef biyyi lutti tee ejjatte, si'ii fi ijoollee teetii dhugamaan baraa haga bara baraa kennaa ta'a› » jedhee naa kakatee ture. Ammallee Rabbi jecha kana haga Muuse'etti dubbateen maayessa uduu worri Israa'elii lafa gammoojji'ii keessa naannayan Rabbi woggaa afurtamii shanii na jiraachise; ammallee kunoo ani nama woggaa saddeettamii shaniiti. Akkuma ani hennaa Muuseen na erge hunnaa qabu san adhallee hunna qaba. Akkasuma adhallee lolu'uuf bayee galu'uttillee hunni kiyya sanuma. Amma eegasuu akkuma Rabbi hennaa san dubbate, lafa gaaraa kana naa kenne; ati guyyaa san worri Qeenotaa gugurdaan akka qachattii dallawamte san keessatti riphaniiran dhageetteerta; maal laataa Rabbi na woliin ta'a akkuma inni natti dubbate anillee isaan ari'a. Iyyaasuun isa eebbisee ilma Yoofoonii Kaaleebii Keebrooniin kenneef. Kanaafuu waan Rabbii Waaqa Israa'elii duukaa bu'eef Keebroon haga adhaa ta Kaaleebii ilma Yoofoonii Qeeneezichaa taate. Maqaan Keebroonii duraan Qiriyaat'arbaaq jedhamti turte; Arbaaqiin tun namoota Eenaaqii maraa jiddu'utti jajamtuu turte; achiin maayessa biyyi lola irraa hara baafatte. Gosa ijoollee Yihuuda'aatiif akkuma gosa isaaniitiin gammoojjii Tsiiniitii haga daangaa lafa gara bita'aatii fi haga daangaa Edoomiyaasii ufii fudhatan. Daangaa isaanii ka gara bita'aatiin jiruu haga dhuma galaana sooqiddaatii fi haga galaana bita'aatiin jiruu ka haga galoo galaanaati; Karaa gara bitaa Aqiriibiitiin gara Tsiinii lufa; karaa cinaa Qaadesii Barne'eetiin gara bita'aa bayee, Atsirooniin biraan lufee gara Adriimii, Qarqaa naannayee, karaa Atsimooniitiin lufee haga laga biyya Misirii ol baye; daangaan isaanii ka gara bita'aa kana. Daangaan karaa baya biiftu'uutiin jiru galaana sooqiddaa irraa haga dhuma laga Yoordaanosiitii achii haga daangaa galoo galaanaa ture; daangaan gara mirgaatiin jiru haga dhuma laga Yoordaanosii ture. Daangaan isaa achii ka'ee haga Beetihoogla'aa gaya; gara mirgaatiin Beeti Arabaa biraan gara mirgaatiin lufee lafa ijoollee Roobeeliitii haga dhagaa Boohinii gaya. Daangaan isaa dhooqa Aakooriitii haga Daabeerii gaya; gara mirgaatiin Gelgalaa fuullee Adoomisii gara bita'aatiin jirtuu gaya. Daangaan isaa gara laga Beetisaamisii biraan lufa; karaan daangaan sun bawuun gara karaa cinaa Ayinooroogeeliiti. Daangaan isaallee karaa ladda dhooqa ilma Heenoomii Yerusaalem jedhamtuu gara Iyyaabusootaa, gara worra gara bita'aatiin jiranii gaya; daangaan isaa dhooqa Raaffaayimii, dhooqa Heenoomii gara mirgaatiin jiruu haga karaa worra fuullee dhiyaatiin jiranii haga worra gaara gubbaa jiranii gaya. Daangaan isaa gaara gubba'aa haga burqaa Neefto'oo haga qachoota gaara Eeftiroonii, Ba'aalaa Qiriyati'aarim jedhamtuu gaya. Daangaan isaa Ba'aalaa gara dhiyaatiin jirtuu haga karaa gaara Seeyiriitiin naannayee gaara Iyyaa'irii Kisaaloon jedhamtuu karaa gara gaara Yi'aarimii gara worra mirgaan jiranii lufee haga Beetisaamisii gad bu'ee Beetiminaa bira lufa. Daangaanillee Aaqaaroonii gara worra mirgaan jiranii haga Shikroonii, haga gara ba'aala'aa haga ladda Yabini'eeliitii fi haga daangaa bayiinsa ladda galaanaati. Daangaan gara dhiyaatiin jiru haga daangaa galaana gudda'aa gaya; daangaan ijoollee Yihuuda'aa akka gosa isaaniitiin kana ture. Akkuma Rabbi Iyyaasuu ajaje, Kaaleebii ilma Yoofooniitii ijoollee Yihuuda'aa keessatti qachaa Qiriyaati'arbaaq jedhamtu qoodee kenneef; qachaan sun Keebroon; Arbaaqiin kun garuu abba Eenaaqii ture. Kaaleeb ijoollee Eenaaqii sadiin Seesiin, Akimaanii fi Taalimiin achii baase. Inni achii ka'ee banii Dabiiriin keessa jiraataniin lolu'uuf dhaqe qachattiin sun duraan Qiriyaatiseefer jedhamti turte. Kaaleebillee, «Nama Qiriyaatiseeferiin lolee qabatuuf mucattii tiyya Aaksaaniin kennaaf» jedhe. Obboleessi Kaalebii ilmi Qeeneezii Gotoniyaal lafa san qabannaan Kaaleeb garuu mucattii ufii Aaksaaniin itti heerumsiise. Isiin hennaa isatti heerumte, abbaa ufii akka inni lafa qonnaa isi'iif kadhatuuf gorsite; isiin hennaa gara abbaa ufii dhufte harree yaabbatte irraa buute; Kaaleeb, «Maal barbaadda?» isi'iin jedhe. Isiin, «Ati Lafa gara bita'aa naa kenniteertaa ammallee lafa burqaa bisaanii qabdu naa kennii na eebbisi» jetteen; innillee burqaa bisaanii ka olii fi gadiin jiru lamaan isi'ii kenne. Lafti gosa ijoollee Yihuuda'aa kana; Daangaan gara bita'aatii haga daangaa qachoota ijoolleen gosa Yihuuda'aa ka Edoomiyaasiin keessa jiranii kanniin. Qabsi'eel, Eedeer, Yaaguur, Qinaa, Dimonaa'a, Adi'aadaa, Qaadees, Hasoor, Yuutinaan, Beetiphaaleex, Asarshu'aal, Beersaabeehi, Biiziyootiyaa'a. Kiisiil, Heermaa, Tsiglaag, Maadmaanaa, Saansaanaa, Libbaawot, Shilihiim, Aayinii fi Riimoon; wolumaa galatti qachootaa fi gandoota diddamii sagal kanniin. Lafti gammoojji'ii garuu; Eshtaa'ol, Xoor'aa, Ashnaa, Zaanowaa, Aayinganiim, Taaphuwaa, Ayinaam, Yermuut, Adoolaam, Sakoot, Azeeqaa, Shi'aarayim, Aditaayim, Gideera'aa fi Gideerootaayim; wolumaa galatti qachoota kudha afurii fi gandoonni didiqqaanillee achi keessa jiran. Tsinaan, Hadaashaa, Migdaalgaad, Diile'aan, Mitsiphaa'a, Yookteel, Lakiiso, Bootsqaati, Adoolaam, Kaboon, Lahimaas, Kiitliish, Gideeroot, Beetdaagoon, Naa'ima'aa fi Maqeeda'a; wolumaa galatti qachoota kudha jahaa fi gandoonni didiqqaanillee achi keessa jiran. Libinaa'a, Eteer, Ashaan, Yiftaa, Ashnaa, Nitsiib, Qi'iilaa, Akiziibii fi Mariisaan; wolumaa galatti qachoota sagalii fi gandoonni didiqqaanillee achi keessa jiran. Achitti qachoota isi'ii didiqqo'oo fi gandoota isi'ii woliin qachaa Eeqroon jedhamtutu jira. Naannoo Ashdoomii Eeqroonii haga galaana guddaa Meditiraaniyaanii, qachootaa fi gandoota ijaaramantu jira. Akkasuma haga daangaa biyya Misiriititti argamuu qachootaa fi gandoota galaana guddaa Meditiraaniyaanii bira jiran ka Ashidoo fi Gaazaa jedhamanii waamamantu jira. Biyya gaarraniitittillee biyya Saamir, Yaatiir, Sookoo, Dana'aa fi Darber Qiriyantisaama jedhamtee waamamtu. Anaab, Eshitimo'aa, Aniim, Gasoom, Hooloonii fi Giilo'o; wolumaa galatti qachoota kudha tokkoo fi gandoonni didiqqaanillee isii keessa jiran. Akkasuma qachoonni Araabi, Duumaa, Eshi'aan, Yaaniim, Betitaaphuwwaa, Afeqaa, Humxaa, Keebroonii Qiriyaatarbaayi jedhamtu Tsii'oor; wolumaa galatti qachoota sagalii fi gandoonni didiqqaan achi keessatti argaman. Kanniinii achillee qachoota Maa'oon, Qarmeloos, Ziif, Yuuxaa, Iyiziraa'el, Yooqidi'aam, Zaanowaahii, Qaayin, Gibi'aa fi Taamina'a; wolumaa galatti qachoota kudhanii fi gandoonnillee achi keessa jiran. Akkasuma qachoota jahaa ka Halhul, Beetituun, Geedoor, Maa'iraat, Beetanootii fi Eltiqoon jedhamanii waamamanii fi gandootatu keessa jira. Qiraatiba'aalii fi Qiraatiyi'aariim jedhamuuf qachaa Raabaat, qachoota lamaanii fi gandoota. Qachoota jahaa ka lafa gammoojji'ii jiru Beeti'araabaa, Miidiin, Sikaakaa, Nibishaan, qachaa sooqiddaa Ayiingaadii fi gandoota naannaya isaaniititti argaman wolitti qabata. Ijoolleen Yihuuda'aa garuu worra Iyyaabusootaa ka Yerusaalemiin keessa jiraatan baasuu hin dandeenne; haga adhaatitti worri Iyyaabusootaa ijoollee Yihuuda'aa woliin Yerusaalemiin keessa jiraatan. Lafti ijoollee Yooseefiitiif kenname Yoordaanosii baya biiftu'uutii jalqabee gara kolba gaara lafa gammooji'iitiin Iyyaarikoo irraa Beeteeliin gaya. Beeteeliin irraallee haga Looza'aa dhaqa. Gara kolba daangaa worra Arkaanotaatiin haga biyya Axaarootii gaya. Gara dhiyaatiin haga daangaa worra Fileexootaa ka daangaa Beetihaarooniitii haga Geezirii gad bu'a. Huleen bayaniinillee cinaa galaana gudda'aatiin. Ijoolleen Yooseefii Minaaseenii fi Efreemillee lafa ufii dhaalan. Daangaan ijoollee Efreemii akka worra isaaniitiin kolba baya biiftu'uutiin lafti isaanii Axaarooti'adaariitii haga Beetihoonii gaya. Daangaan isaanii achillee lufee galaana guddaa bira gayee gara dhiyaa Mikimta'aatii haga lafa mirgaa gaya; daangaan isaanii gara baya biiftu'uutiin naannayee Ta'aanaat Seeloo gaya; gara baya biiftu'uutiin Iyyaanookiin bira lufa. Iyyaanookii haga Axaarootinaa, Na'aaraatiin gayee Iyyaarikoo bira gara Yoordaanosii ol baye. Daangaanillee Taaphuwwa'aa gara dhiyaatii haga laga Qaana'aa lufa; huleen bayaniin galaana guddaa biraan ture. Lafti ijoollee Efreemii akka gosa isaaniitiin kana ture. Kun worra lafa ijoollee Minaase'ee keessa jiranii fi gandootaa fi qachoota ijoollee Efreemiitii kennan wolitti qabata. Isaan worra Kana'aanii Geeririin keessa jiraatan hin ariine; haga adhaallee worri Kana'aanii ijoollee Efreemii woliin jiraatan; haga adhaatitti hujii hunnaa isaan hojjachiisan. Hixaan gosa Minaase'ee kana; waan ilmi hangafaa ka Yooseefii isa ta'eef ilmi Minaase'ee ka hangafaa abbaan Gala'aadii Maakiri loltuu jabaa waan ta'eef biyya Gala'adiitii fi biyya Baasaanii fudhate. Hixaan hafe ijoollee Minaase'eetiif akka worra isaaniitiin, ijoollee Abi'eezeriitii, ijoollee Keleegiitii, ijoollee Asri'eeliitii, ijoollee Seekeemiitii, ijoollee Oofeeriitii, ijoollee Shamida'aatiifillee hin kenname; ijoolleen dhiiraa ta Minaasee ilma Yooseefii akkaataa gosa isaaniitiin kanniin. Ilma Minaase'ee, ilma Maakirii, ilma Gala'aadiitii fi ilma Oofeeriiti. Salapha'aad garuu ijoollee intalaa malee ijoollee dhiiraa hin qabu. Maqaan ijoollee isaa Maahilaa, Nu'aa, Eeglaa, Milka'aa fi Tirsa'a. Isaan gara gadicha Alaazariitii fi gara ilma Nawwe'ee gara Iyyaasu'uu gara bulchootaallee dhufanii, «Rabbi obboleewwan teenna jiddu'utti lafa akka nuu kennu Muusee ajajeera» jedhan. Biyya Gala'aadiitii fi biyya Baasaanii ka laga Yoordaanosiitiin gama jiruu achi Minaase'eef qooda kudhan kennan. Ijoolleen intalaa ta Minaase'ee obboleewwan isaanii jiddu'utti lafa waan fudhataniif lafti Gala'aadii ka hafe garuu ijoollee dhiiraa ta Minaase'eetii kenname. Daangaan lafa Minaase'ee biyya Aseeriitii jalqabee haga Mikimtaatii Seekimiin afo'ooti; daangaan isaa gara mirgaatiin gara namoota worra Ayintaaphuwa'aa gaya. Lafti Taaphuwwa'aa ta Minaase'ee turte. Daangaan Minaase'ee ka gara lafa Taaphuwa'aatiin jiru garuu ijoollee Efreemiitii kenname. Daangaan isaa gara cinaa bita'aatiin haga laga Qaana'aatii gad bu'a; qachaan qachoota Minaase'ee keessaa Efreemii kennaman; Daangaan Minaase'ee gara mirgaatiin haga lagaati; karri bayaniinillee cinaa gara galaanaatiin; Garri bita'aa ka Efreemiiti; garri mirgaa garuu ka Minaase'eeti; daangaan isaa galaana bira gaya; gara cinaa mirgaatiin gara lafa Aseerii, gara baya biiftu'uutiin garuu lafa Yisaakoorii bira gaya. Lafa Yisaakooriitii fi lafa Aseerii jidduu, Beetisaanii fi gandoota isi'ii, Yibili'aamii fi gandoota isi'ii, Doorii fi namoota ganda isi'ii keessa jiraatan, Ayindoorii fi namoota ganda san keessa jiraatan, Taa'inaakii fi namoota ganda san keessa jiraatan, Maqido'oo fi namoota ganda san keessa jiraatan, Tulloonni sadiinuu ka Minaase'eeti. Ijoolleen Minaase'ee garuu namoota qachaa kanniinii ari'uu hin dandeenne; garuu worri Kana'aanii jabaatanii biyya san keessa jiraatan. Ijoolleen Israa'elii hennaa jabaatanii achi keessa jiraatan, worra Kana'aanii hujii hunnaa hojjachiifatan malee sirima isaan hin ariine. Ijoolleen Yooseefii Iyyaasu'uun, «Ani waan banii guddaa ta'eef, Rabbi guddisee waan na eebbiseef maaf lafa diqqoo naa kutte?» jedhaniin. Iyyaasuunillee, «Ati yoo banii hedduu taatee biyyi Efreemii ka gaaraa sitti dhiphate, gara lafa mukaa worra Feerzotaatii fi lafa worra Raaffaayii dhaqa'aa ciradha'aa baafadhaa'a» isaaniin jedhe. Ijoolleen Yooseefii garuu, «Biyyi gaaraa nu hin gawu; worri lafa dhooqaa keessa jiraatan, worri lafa dhooqaa ka gandoota Iiyiziraa'elii keessa jiraatan, Worri Kana'aanotaa konkolaataa sibiilaa qaban» jedhaniin. Iyyaasuun worra Yooseefii, Efreemii fi Minaase'een, «Ati banii gudda'a; hunna jabaa qabda; qoonni tokko callaan si hin geettu, Biyyi gaaraallee kee ta'a; yoo araddaallee ta'e cirtee kee godhatta; worri Kana'aanotaa konkolaataa sibiilaa qabaatanii yoo jabaatanillee isaan ariita» isaaniin jedhe. Baniin ijoollee Israa'elii maruu Seelo'otti wol gayanii achitti daasee wol gayi'ii dhaaban; baniin biyya saniillee cadhisee isaan jalatti bule. Ijoollee Israa'elii keessaa worri lafa hin qoodamne gosa torbatu hafe. Iyyaasuunillee ijoollee Israa'eliitiin akkana jedhe, «Lafa Rabbi akka dhaaltaniif isinii kenne itti galu'uuf haga yoomii lash jettan? Gosa maraa keessaa namoota sadihi sadihi filadhaa'a; anillee isaan erga, isaanillee ka'anii biyyattii irra naannayanii haga qooda lafa isaanii galmeessanii gara kiyya haa deebi'anii. Bakka torbatti haa qoqqoodanii; Daangaan isaanii gara bita'aatiin Yihuudaa'a, daangaa gara mirgaatiin worra Yooseefiititu jiraata. Isinillee barreeffama lafa bakka torbatti qoodan san gara kiyya fidaa'a; anillee Rabbii Waaqa keenna afo'otti hixaa isinii buusaa. Garuu worri Leewwotaa gadoota Rabbii waan ta'aniif isin biratti lafa hin qaban; Gaadi, Roobeel, gofti Minaase'ee wodhakkaan laga Yoordaanosiitiin gama gara baya biiftu'uutitti lafa isaanii ka garbichi Rabbii Muuseen isaanii kenne fudhataniiran» jedhe. Achiin maayessa namoonnillee achii ka'anii deeman Iyyaasuun namoota lafa galmeessu'uuf deeman sanniiniin, «Deema'aa lafa naannaya'aatii galmeessa'aatii gara kiyya fidaa'a; anillee Seelo'otti Rabbiin afo'otti hixaa isinii buusaa» jedhee isaan ajaje. Namoonnillee deemanii lafa naannayanii akkuma qachaa isaaniitiin bakka torbatti qoodanii galmeeffatanii gara Seelo'oo hulee Iyyaasuun itti quphateetitti deebi'an. Iyyaasuunillee Seelo'otti Rabbiin afo'otti hixaa isaanii buusee achitti Iyyaasuun ijoollee Israa'eliitii akkuma gosa isaaniitiin lafa isaanii qoode. Hixaan gosa ijoollee Biiniyaamii akkuma gosa isaaniitiin isaanii baye; hixaan isaanii worra Yooseefiitii fi worra Yihuuda'aa jidduu ta'e. Daangaan lafa isaanii gara mirgaatiin laga Yoordaanosii bira gaya; daangaan lafa isaanii gara Iyyaariko'ootiin haga worra gara mirgaatiin jiranii gaya; achiillee ka'ee haga biyya gaaraa haga dhiyaa gaya; karri bayaniinillee gara lafa gammoojjii Beti'awweeniiti. Gara bita'aatiin daangaan isaanii gara Loozaa Beeteel jedhamtuu gaya; gara bita'aatiin daangaan isaanii Beetihooroonii gadiin, gara Axaaro'adaariititti gad bu'a. Daangaan isaanii gara dhiyaatiin Beetihooroon afo'oon gara gaara bitaa irra jiruutiin naannaya; karaan isaan bayaniin gara qachaa Yihuuda'aa ta gara hulee Qiritiyi'aariim jedhamtuutiin; daangaan kun gara dhiyaatiin, gara bita'aatiin daangaan Qiriyaatiyi'aariim daangaa dhumaati; gara dhiyaatiin haga burqaa bisaanii ka Naaftoo jedhamuu gaya. Daangaan isaanii gaara dhooqa ilma Heenoomii afoo jiruu gaya; kunillee dhooqa Raffaayimii ka gara mirgaatiin jiruuti; gara bita'aatiin gara dhooqa daangaa Heenoom Iyyaabuusii biraan gara Ayinaroogeelii biraan gad bu'a. Gara Mirgaatiin lufee burqaa Beetisaamisiititti irra bayee, goodda Adumiimii afoo jiruun gara Geelilooti, gara dhagaa Boohanii ilma Roobeelii gad bu'a. Gara mirgaatiin haga lafa Arabaa gaya. Daangaan achii ka'e Beetihoogla'aa gara worra gara mirgaa jiruu lufa; karri bayaniinillee dhuma laga Yoordaanosii ka galaana sooqiddaa ka Lissaan jedhamu biraan; kun daangaa gara bita'aati. Gara baya biiftu'uutiin daangaan lafa sanii Yoordaanosi; kun daangaa lafa ijoollee Biiniyaamii akkuma gosa isaaniitiin ture. Qachoonni ijoollee Biiniyaamii Iyyaarikoo, Beetihooglaa, Amaqaasisi, Beeti Arabaa'a, Zamaaraayiim, Lafti ijoollee Biiniyaamii akkaataa gosa isaaniitiin Gabaa'oon, Raamaa, Bi'eerooti, Mitsiphaa, Kaafiraa, Amooqi, Hixaan lammeesso'oo akkuma gosa isaaniitiin ijoollee Simooniitii baye; lafti isaaniillee lafa ijoollee Yihuuda'aa jidduu ture; lafti isaanii Beersaabeeh, Seebaa, Molaadaa, Hasarshu'aal, Baalaa, Sigilaag, Beetmarkaaboot, Hasarsuusaa, Beetalabaa'oot, Shaaruheen qachoota kudha sadihii fi gandoota fa'a. Ayin, Rimoon, Eteer, Ashaan, qachoota arfanii, haga Ba'ilaatibi'eerii fi haga raamaatiin cinaa bita'aatii haga qachoota naanno'oo maraa; lafti ijoollee Simoonii akkaataa gosa isaaniitiin kana ture. Lafa qooda ijoollee Yihuuda'aa keessaa lafti gariin ijoollee Simooniitii ta'e; waan hixaan ijoollee Yihuuda'aa isaanitti guddateef ijoolleen Simoonii lafa isaanii irraa argatan. Hixaan sadeesso'oo akkuma gosa isaaniitiin ijoollee Zaabilooniitii baye; daangaan lafa isaanii haga Saaridiiti; Daangaan isaanii gara dhiyaatiin haga Mara'alla'aa haga Dabaasheetii afo'oon gara laga Yooqini'aamii afoo jiruu gaya. Sardiimii gara baya biiftu'uu, gara baya biiftu'uutiillee gara daangaa Kisilootitaaboritti naannayee, gara Dabiraafiimii bayee Yaafaamiin bira gaya; daangaan sun achii ka'ee gara mirgaatiin gara Gatiheefirii fi Itaqaasiinii lufee gara Riminaanii gara Ni'a'aa baya; Daangaan sun gara mirgaatiin Hanaatoniin naannayee dhooqa Yiftaa'eliititti baya. Kunniinillee Qaxaati, Nahilaal, Shimiroon, Yidaala'aa fi Beeteliheem qachoota kudha lamaa fi gandoota. Lafti ijoollee Zaabiloonii akkuma gosa isaaniitiin qachootaa fi gandoota kanniin. Hixaan arfeesso'oo ijoollee Yisaakooriitii akkuma gosa isaaniitiin isaanii baye. Daangaan isaanii gara Iyiziraa'el, Kaasiloot, Sunaam, Hafraayim, Shi'oon, Anharaat, Rabiiti, Qisoon, Abees, Reemeet, Ayingaaniim, Ayinahaada'aa fi Beetipaaseesiin gaya. Daangaan isaanii gara Taaboorii, Shaayisuma'aa fi Beetisaamiisiin gaya. Karaan daangaa isaanii Yoordaanositti baya; lafti isaanii gandoota woliin qachoota kudha jahaa qachoota didiqqaa naannoo isaanii jiran maraa wolitti qabata. Lafti ijoollee Yisaakoorii akkuma gosa isaaniitiin qachootaa fi gandoota kanniin. Hixaan shaneesso'oo ijoollee Aseeriitii akkuma gosa isaaniitiin isaanii baye; daangaan isaanii Heelqaat, Haali'ii, Beexeen, Aziif, Alameleek, Ama'aadii fi Misha'aaliin ture; gara dhiyaatiin haga Qarmeloosii fi Shihoorlibinaatii gaye. Gara baya biiftu'uutiin gara Beetidaagonii naannaya; Zaabiloonillee dhooqa Yiftaahi'eelii, gara mirgaatiin Beeti'emeqinaa'a gara Ni'i'eeliimii gaya. Gara mirgaatiin Kaabulitti ol baye. Achii gara Eebroonii, Ra'aab, Amoon, Qaana'aa haga Siidonaa guddichaa gaye. Daangaan isaallee gara Raama'aa gara qachattii dallawamtee haga Xiroosii daangaan isi'ii achii ka'ee haga Hosa'aa naannaya; baati isaanii gara Akiziibiitiin haga galaana Meditiraaniyaaniiti. Akkasuma gara Uumaa, Efeeqiitii fi Ra'aabiiti; lafti isaanii qachoota diddamii lamaa fi gandoota; Kanaafuu lafti ijoollee Aseerii akkuma gosa isaaniitiin qachootaa fi gandoota kanniin. Hixaan jaheesso'oo ijoollee Niftaalemiitii akkuma gosa isaaniitiin isaanii baye. Daangaan isaanii Heleef, muka Isa'inaanimii, Adaamneeqeeb, Yabini'eelii haga Laqumii gaya; baati isaallee gara laga Yoordaanosiitiin. Daangaan isaa gara dhiyaatiin Aznootitaabooriin naannaya; achiillee ka'ee gara Huqooqii baya; gara bita'aatiin garuu gara Zaabiloonii, gara dhiyaatiin Aseer, gara Yoordaanosii baya biiftu'uutiin garuu haga lafa Yihuuda'aa gaya. Qachoonni dallawaman kanniin Sidiim, Seer, Hamaat, Raqaat, Kenereet, Adaamaa, Raamaa, Asoor, Kanaafuu lafti ijoollee Niftaalemii akkuma gosa isaaniitiin qachootaa fi gandoota kanniin. Hixaan torbeesso'oo ijoollee Daaniitii akkuma gosa isaaniitiin isaanii baye; Daangaan lafa isaanii kana; Soor'aa, Eshtaa'ol, Irshemeesh, Iltaqee, Gabaatoon, Baa'ilaat, Garuu ijoollee Daanii lafti waan itti dhiphatteef ijoollee Leeshemiitiin lolanii lafa isaanii irraa fudhatanii irra jiraatan. Maqaa lafa sanii maqaa abbaa ufii Daaniin itti baasan. Kanaafuu lafti ijoollee Daanii akkuma gosa isaaniitiin qachootaa fi gandoota kanniin. Ijoolleen Israa'elii lafa maraa haga daangaa itti baasanii qoqqoodaniin maayessa uf keessatti ilma Nawwe'ee Iyyaasu'uuf, lafa gaaraa ta biyya Efreemii ta Minaaseeraa jedhamtu qachaa inni fedhu akkuma ajaja Rabbiitiin kennaniif; innillee qachaa ijaaratee achi keessa taa'e. Lafti ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun, gadichi Alaazar, gofti ijoollee Israa'eliitii fi bulchoonni abbootaa Rabbiin afo'otti Seelo'otti daasee wol gayi'ii keessatti qoodamanii fixan kana. Kanaan maayessa Rabbi Iyyaasuu akkana jedhee itti dubbate, Qachoota kanniin keessaa gara qachaa tanaa akka dheessu, balbala qachatti'ii afoo dhaabatee waan ta'e maraa jaarsota qachaa saniititti hima; isaanillee qachattii sanitti isa simatanii hulee inni taa'u kennaniif. Namichi guma'aaf yoo reebuu dhufe waan inni goshoo ufii san beekka'aan hin ajjeefneef ka ajjeese san haa ajjeesu'uuf akka itti hin kennine. Haga murti'iif gara bani'ii dhiyaatutti, haga gadichi hennaa san hujii irra jiru du'utti qachattima san keessa haa jiraatuu; achiin maayessa namni nama harka tare sun deebi'ee gara qacha'aa fi gara qe'ee ufii gala» jedheen. Kanaaf biyya gaaraa ka Niftaalemii Galiila'aa, Qaadesiin, biyya gaaraa ka Efreemiititti Seekemiin, biyya gaaraa ka Yihuuda'aa hulee Kebroon jedhamtu Qiriyaati'arbaaqiin gara gara baasan; Yoordaanosiin gama Iyyaarikoo mirgaan gosa Roobeelii keessaa hulee biyya gammoojji'ii Boosooriin, gosa Gaadii keessaa Raamotii Gala'aadiin keessaa, gosa Minaase'eetii Baasaanitti Goolaaniin adda baasaniif; haga gaafa banii afo'otti dhiyaatuuf akka harka namicha dhiiga baafatuutitti hin duune ka uduu hin beekin nama ajjeese maruu garas haa dheessuu; ijoollee Israa'eliitii fi worra isaanitti gale maraafuu qachoonni namni itti baqatu kanniin. Bulchoonni abboota Leewwotaa gara gadicha Alaazarii, gara Iyyaasuu ilma Nawwe'eetii fi gara bulchoota gosa ijoollee Israa'elii dhufanii, Seeloo biyya Kana'aaniititti «Rabbi qachoota keessa jiraannu, lafa horii itti bobbaafannu akka nuu kennitan Muusee ajajeera» jedhanii isaanitti dubbatan. Ijoolleen Israa'elii akkuma Rabbi isaan ajaje lafa ufii irraa qachootaa fi hulee horii itti bobbaafatan Leewwotaa kennan. Worra Qa'aatiitiifillee hixaan hin bayeef. Leewwota keessaa worra gadoota turan ijoollee Aaroonii, Gosa Yihuuda'aa keessaa, gosa Simoonii keessaa fi gosa Biiniyaamiitiif qachoonni kudha sadihii hixa'aan ka isaanii ta'e. Worra hafe ijoollee Qa'aatiitiifillee gosa Efreemii keessaa, gosa Daanii keessaa fi gosa Minaase'eetii wodhakkaan qachoota kudhanii hixa'aan ka isaanii ta'e. Ijoollee Geedsooniitiifillee gosa Yisaakoorii keessaa, gosa Aseerii keessaa, gosa Niftaalemii keessaa fi wodhakka gosa Minaase'ee ka Baasaaniin jiruu qachoonni kudha sadihii hixa'aan ka isaanii ta'e. Ijoollee Meeraariitiifillee akkuma gosa isaaniitiin gosa Roobeelii keessaa, gosa Gaadii keessaa fi gosa Zaabilooniitii qachoonni kudha lamaa ka isaanii ta'e. Akkuma Rabbi Muusee ajaje ijoolleen Israa'elii qachoota kanniinii fi lafa horii itti bobbaafatan hixa'aan Leewwotaa kennan. Gosa ijoollee Yihuuda'aatii fi gosa ijoollee Simoonii keessaa qachoota maqaa isaaniitiin waamaman kanniin isaanii kennan; Hixaan duraa waan isaanii bayeef ijoolleen Leewwotaa ta worra ijoollee Aaroonii ta'an. Qachattii Qiriyaati'arbaaq jedhamtu ta lafa gaara Yihuuda'aa hulee horii itti bobbaafatan godhanii kennaniif; isiin Keebroon jedhamti. Arbaaqiin kun abbaa Eenaaqiiti. Qonna qachatti'iitii fi gandoota garuu lafa Kaaleebii ka ilma Yoofoonii godhanii kennaniif. Ijoollee Aaroonii gadichaallee kanniin kennaniif; qachaa namni yoo nama harka tare keessa jiraatu Keebroonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Libina'aa fi hulee horii itti bobbaafatan, Yatirii fi hulee horii tii bobbaafatan, Eshtemo'aanii fi hulee horii itti bobbaafatan, Hoolonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Daaberii fi hulee horii itti bobbaafatan, Ayiniinii fi hulee horii itti bobbaafatan, Yooxaanii fi hulee horii itti bobbaafatan, Beetisaamisii fi hulee horii itti bobbaafatan, gosa lamaan kanniin keessaa qachoota sagalii kennaniif. Gosa Biiniyaamii keessaallee Gabaa'oonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Naasibii fi hulee horii itti bobbaafatan, Anaatootii fi hulee horii itti bobbaafatan, Almoonii fi hulee horii itti bobbaafatan qachoota afurii kennaniif. Qachoonni ijoollee Aarooniitii fi gadootaa hulee horii itti bobbaafataniin wolitti kudha sadiin kanniin. Worra Leewwotaa ka hafan ijoollee Qa'aatiitiifillee qachoonni hixa'aan isaanii kenname lafa gosa Efreemii keessaa isaanii kenname. Biyya gaaraa ta Efreemii qachaa namni yoo nama harka tare itti dhokatu Seekeem, Geeziriin, Qibsaayimii, Beetihooroonii fi hulee horii itti bobbaafatan woliin qachoota afurii isaanii kennan. Gosa Daanii keessaa Eltaaqinii fi hulee horii itti bobbaafatan, Gabaatoonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Eeloonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Gaatirimoonii fi hulee horii itti bobbaafatan qachoota afurii isaanii kennan. Gosa Minaase'ee keessaa wodhakkaa Taa'inaakinii fi hulee horii itti bobbaafatan, Gaatirimoonii fi hulee horii itti bobbaafatan, qachoota lamaa isaanii kennan. Ijoolleen Qa'aatii worri hafan qachoota kudhanii fi hulee horii itti bobbaafatan fudhatan. Worri Leewwotaa ijoollee Geedsoonii wodhakkaan gosa Minaase'ee qachaa namni yoo nama harka tare itti dhokatu ta Baasaaniin keessa jirtu Golaanii fi hulee horii itti bobbaafatan, Eshtiraanii fi hulee horii itti bobbaafatan qachoota lamaa kennaniif. Gosa Yisaakoorii keessaa Qiisoonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Daabraatiinii fi hulee horii itti bobbaafatan, Yarmuutinii fi hulee horii itti bobbaafatan, Ayingaanimii fi hulee horii itti bobbaafatan, qachoota afurii isaanii kennan. Gosa Aseerii keessaa Mishaalinii fi hulee horii itti bobbaafatan, Abdoonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Helqaatii fi hulee horii itti bobbaafatan, Ra'aabii fi hulee horii itti bobbaafatan qachoota afurii isaanii kennan. Gosa Niftaalemii keessaa qachaa namni yoo nama harka tare itti dhokatu ta Qaadesii Galiilaa keessaatii fi hulee horii itti bobbaafatan, Hamootdoorii fi hulee horii itti bobbaafatan, Qartaanii fi hulee horii itti bobbaafatan qachoota sadihii isaanii kennan. Qachoonni ijoollee Geedisoonii akka gosa isaaniitiin qachoota kudha sadihii fi huleen horii itti bobbaafatanillee kanniin. Gosa ijoollee Meeraarii worra Leewwotaa irraa hafan gosa Zaabiloonii keessaa Yooqini'aamii fi hulee horii itti bobbaafatan, Qartaanii fi hulee horii itti bobbaafatan, Dimoonaanii fi hulee horii itti bobbaafatan, Nahilaanii fi hulee horii itti bobbaafatan qachoota afurii isaanii kennan, gosa Roobeelii keessaa Boosoroonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Yaasihinii fi hulee horii itti bobbaafatan, Qeedeemootii fi hulee horii itti bobbaafatan, Mefi'atinii fi hulee horii itti bobbaafatan qachoota afurii kennaniif. Gosa Gaadii keessaa qachaa namni yoo nama harka tare itti dhokatu ta Gala'aad jedhamtu keessaa Raamootii fi hulee horii itti bobbaafatan, Mahaanaayimii fi hulee horii itti bobbaafatan, Haseboonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Iyyaazeerii fi hulee horii itti bobbaafatan qachoota afurii isaanii kennan. Qachoonni ijoollee Meeraarii worra Leewwotaa irraa hafanii akka gosa isaaniitiin ka hixa'aan fudhatan qachoota kudha lamaan kanniin. Qachoonni Leewwotaa ka lafa ijoollee Israa'elii jidduu jiru qachoota afurtamii saddeetii fi hulee horii itti bobbaafatan. Qachoonni kunniin maruu hulee horii itti bobbaafatan qaban. Kanaafuu Rabbi lafa abboota isaaniitii kennu'uuf kakate maraa ijoollee Israa'eliitii kenne; isaanillee lafa san fudhatanii keessa jiraatan. Akkuma Rabbi abboota isaaniitii kennu'uuf kakate waan naannoo isaanii jiru maraa irraa hara isaan baafachiise; diina isaanii keessaa namni isaan mooyatu hin argamne; Rabbi diintota isaanii maraa harka isaanii jala galche. Wonti mishaan Rabbi ijoollee Israa'eliitii dubbate maruu hin raawwatame; wonti uduu hin raawwatamne hafe hin jiru. Hennaa san Iyyaasuun ijoollee Roobeeliitii fi ijoollee Gaadii wodhakkaa gosa Minaase'eellee waamee, «Waan garbichi Rabbii Muuseen isin ajaje maraa eeddaniirtan; waan ani isin ajajellee maraa gootaniirtan. Bara kana maraa isin haga adhaa obbolummaa keessan hin dhiifne; ajaja Rabbii Waaqa keessaniillee eeddaniirtan. Ammallee akkuma Rabbi Waandhi keessan isaanitti dubbate, obboleewwan keessan hara baafachiiseera; kanaafuu deebi'a'aatii gara mana keessaniitii fi hulee lafa garbichi Rabbii Muuseen isinii kenne ka laga Yoordaanosiin gamaa san dhaqaa'a; waan garbichi Rabbii Muuseen isin ajaje, seeraa fi ajaja isaa maraa akka raawwattan, Rabbii Waaqa keessan akka jaalattan, karaa isaa irra akka deemtan, ajaja isaa akka eeddan, isaaf amanamtoota taatanii onne'ee fi qalbii guutu'uun akka isa waaqeffattaniif guddisa'aa uf eegaa'a» jedhe. Achiin maayessa Iyyaasuun eebbisee isaan geegesse, isaanillee gara mana ufii deeman. Wodhakkaa gosa Minaase'eetii Muuseen Baasaaniin keessatti lafa isaanii kennee ture; Iyyaasuun garuu worra hafaniif Yoordaanosiin gamatti obboleewwan isaanii jiddu'utti lafa gara dhiyaatiin jirtu isaanii kenne; Iyyaasuun hennaa isaan gara mana isaanii geegessu, «Durummaa gudda'aa fi horii baay'ee, birrii, worqii, sibiila diimaa, sibiila biraatii fi uffata guddisa'aatii fudhadha'aatii gara mana keessanii deebi'aa'a; waan diintota keessan irraa boojitan obboleewwan teessan woliin qoodamaa'a» jedhee isaan eebbise. Ijoolleen Roobeelii, ijoolleen Gaadiitii fi wodhakkaan gosa Minaase'ee deemanii akkuma Rabbi Muusee ajajee lafa fudhatanii gara biyya Gala'aadii galu'uuf Seeloo biyya Kana'aanii keessa jirtu keessaa ijoollee Israa'elii biraa deebi'an. Hennaa gara Kana'aanii Yoordaanosiin bira jirtuu deebi'an, ijoolleen Roobeeliitii fi ijoolleen Gaadii, wodhakkaan gosa Minaase'eellee Yoordaanosiin biratti hulee ciinca'aa guddaa hojjatan. Ijoollee Israa'eliitiifillee, daangaa lafa Kana'aanii Yoordaanosiin bira jirtuu, hulee ijoolleen Israa'elii jirtu, ijoolleen Roobeeliitii fi ijoolleen Gaadii wodhakkaan gosa Minaase'eellee hulee ciinca'aa hojjataniiran oduun jedhu isaan gaye. Ijoolleen Israa'elii haga waan kana dhagayan baniin ijoollee Israa'elii maruu isaaniin lolu'uuf bayanii Seelo'otti wol gayan. Ijoolleen Israa'elii, ijoollee Roobeeliitii fi ijoollee Gaadii ta biyya Gala'aadii jirtu, wodhakkaan gosa Minaase'ee ilma gadicha Alaazarii Finihaasiin ergan; isa woliinillee bulchoota kudhantu ture; gosa Israa'elii maraa keessaa fi mana isaanii shikita keessaa martinuu mana abbaa ufiitiif bulchaa ture. Kunniin martinuu gara ijoollee Roobeelii, ijoollee Gaadiitii fi wodhakkaan gosa Minaase'eellee biyya Gala'aadiititti isaanitti dhufanii akkana isaaniin jedhan, «Worri banii Rabbiiti jettan maruu cubbuun isin Rabbii Waaqa Israa'elii irratti hojjatan kun maali'i? isin amma Rabbitti buluu dhiiftaniirtan; adha hulee ciinca'aa hojjatuu keessaniin Rabbitti kaataniirtan. Cubbuun nu'u faagooritti hojjanne diqqa'aa? Kun banii Rabbii irratti balaa buuse; isin adha Rabbiin woliin jiraachuu irraa duubatti deebitanii? Yoo isin adha Rabbiin afo'otti cubbuu hojjattan, Rabbi boru banii Israa'eliitiin lola. Garuu yoo biyyi isin qabattan ta battoofte taate, gara hulee Rabbiin waaqeffachu'uuf itti namaa toluu san fudhadhaa malee hulee itti Waaqeffattan ufiif hojjatatu'uun Rabbii fi nu afo'otti cubbuu hin hojjatinaa'a. Ilmi Zaara'aa Akaan waan Rabbi dhoogge fudhatee banii Israa'elii irratti akka Rabbi balaa buusu hin goonee? Cubbuun sun garuu isa callaa hin ajjeefne› » isaan jedhan. Ijoolleen Roobeeliitii fi ijoolleen Gaadii, wodhakkaan gosa Minaase'ee bulchoota banii Israa'elii shikitaan akkana jedhan, «Inni Rabbiin waa maraa olii waa maraa beeka; Israa'eliinillee hin beeka; yoo nu'u Rabbiin yakkinee isa afo'otti cubbuu hojjanne, adha nu hin hambisin. Yoo nu'u Rabbitti buluu dhiifnee ciincaa ciincawu, ciincaa midhaaniitii fi ciincaa fayyinnaaf dhiyaatuuf jennee hulee ciinca'aa hojjanneerra ta'e, Rabbi innumti haluu nu haa bawu. Nu'u garuu kanaaf kana hin goone; nu'u wonti waan kana gooneef bara dhufu keessatti sanyiin ijoollee teessanii ijoollee teennaan ‹Rabbii Waaqa Israa'elii woliin wolitti dhiyeenna maal qabdan? Rabbi isin ijoollee Roobeeliitii fi ijoollee Gaadii jidduu keennaa fi keessanitti waan Yoordaanosiin daangaa godheeruuf Rabbiin biratti hiree hin qabdan isiniin jedhan› jennee kana goone; akka kanaan ijoolleen teessan ijoollee teenna akka isaan Rabbiin hin sodaanne godhan. Kanaaf hulee ciincaa itti ciincessan haa hojjannuu jenneen malee ciincaa dhiyeessuu yookaan ciincaa biraatiifii miti. Garuu kun nu'uu fi isin jidduu'u, nu'uu fi dhaloota keennaa fi keessan ka nu maayessa dhufu wodhakka'atti ciinca'aa fi ciincaa fayyinnaaf dhiyaatuun Rabbiin waaqeffachu'uuf akka duranaa ijoolleen teessan ijoollee teennaan Rabbiin biratti hiree hin qabdan akka isaaniin hin jenne kun ragaa ta'a. Kanaaf akkana jenne ‹baroota itti aanan keessatti nuuf yookaan dhala teennaaf jedhanii kunoo fakkeenna ciincaa abboonni teenna Rabbiif dhiyeessan laalaa'a; kun nu'uu fi isin jiddu'utti waan ragaa ta'u malee waan ciincaa gubatuutii fi waan ciincaa biraatii miti› jenna. Hulee ciinca'aa ka ciincaan Rabbii itti dhiyaatu ka duraa malee hulee ciincaa itti dhiyeessan ka biraa hojjannee Rabbiin yakkinee yoo jiraanne, wonti akkanaa kun nu'u irraa haa fagaatu» jedhan. Gadichi Finihaasii fi bulchoonni gumii bani'ii, worri isaan woliin turan, Bulchoonni shikinni ka banii Israa'elii badhaa bulchan, ijoollee Roobeelii, ijoollee Gaadiitii fi ijoolleen Minaase'eellee waan isaan dubbatan haga dhagayan guddisanii gammadan. Ilmi gadicha Alaazarii Finihaas ijoollee Roobeelii, ijoollee Gaadiitii fi ijoollee Minaase'eetiifillee yakka kanniin Rabbiin afo'otti waan hin hojjanneef Rabbi adha akka jidduu keenna jiru beenneerra; kanaafuu ijoollee Israa'elii dheekkamsa Rabbii jalaa baaftaniirtan» isaaniin jedhe. Kanaan maayessa Finihaas ilmi gadicha Alaazariitii fi bulchoonni isaa, ijoollee Roobeeliitii fi ijoollee Gaadii biraa biyya Gala'aadiitii gara ijoollee Israa'elii gara biyya Kana'aanii oduu qabatanii gara isaanii deebi'an. Oduun isaan qabatanii dhufaniin sun guddisee waan isaan gammachiiseef ijoolleen Israa'elii Rabbiin galatoonfatan; achiin maayessa biyya ijoolleen Roobeeliitii fi ijoolleen Gaadii irra jiraatan woraanaan balleessu'uuf deebi'anii waan isaanii hin dubbanne. Ijoolleen Roobeeliitii fi ijoolleen Gaadiillee, «Rabbi Waaqa akka ta'e wonti kun nu jiddu'utti raga'a» jedhanii hulee ciinca'aa san «Raga'a» jedhanii waaman. Bara hedduun maayessa akkana ta'e; haga Rabbi Israa'eliin diintota naannoo isaanii jiran maraa irraa isaan hara baafachiiseen maayessa, hennaa Iyyaasuun nama guddaa ta'ee jaaretti, Iyyaasuun worra Israa'elii jaarsota isaanii, bulchoota isaanii, abboota murti'iitii fi worra isaan bulchan maraa ufitti waamee, «Ani nama guddaa ta'ee jaareera; isin waan Rabbi Waandhi keessan waan keessanii fi banii ormaa irratti godhe maraa argitaniirtan; Waan keessaniif ka isinii lole Rabbii Waaqa keessan kana; kunoo akkuma ani worra ormaa maraa balleesseen laga Yoordaanosiitii jalqabee haga galaana guddaa gara dhiyaatiin jiruu, gosa keessaniif akka ta'u lafa worra ormaa kanniin maraa hixa'aan isinii qoodeera; Rabbi Waandhi keessan isaan afoo keessanii hunna ufii jaba'aan ari'ee isaan bittinneessa; akkuma Rabbi Waandhi keessan isinitti dubbate lafa isaanii hin dhaaltan. Kanaafuu waan kitaaba seera Muuse'ee keessatti barreeffame akka eeddanii raawwattan guddisa'aa jabaadhaa'a; kana irraa bita'aa fi mirgaa hin gorinaa'a. Gara worra ormaa ka jidduu keessanitti hafaniiranii hin seeninaa'a; maqaa waaqa tolfamaa isaanii hin waaminaa'a, isaan hin kakatinaa'a, hin waaqeffatinaa'a, hin sagadina'aafille'e. Akkuma haga adhaa godha'aa turtan sanitti gara Rabbii Waaqa keessanii dhiyaadhaa male. Rabbi orma gugurda'aa fi jajjabaa isin afo'oo ari'ee baaseera; kanaaf haga adhaa eennullee isin hin dandeenne. Akkuma Rabbi Waandhi keessan isinitti dubbate ka isinii lolu isa waan ta'eef isin keessaa namni tokkochi nama kuma ari'a. Kanaafuu isin Rabbii Waaqa keessan akka jaalattan guddisa'aa uf eegaa'a. Isin garuu yoo duubatti deebitanii worra ormaa ka isin jidduu jiru sanitti siixxanii isaan irraa fuutan, isaanillee yoo isin irraa fuudhan Rabbi Waandhi keessan haga isin biyyattii michuu tana keessaa baddanitti kufaati'ii fi sakaallaa, qilee isin itti kuftan dirra keessaniif akka shabbeena nama madeessuu, ija teessanitti akka qoree nama woraanuu isinitti ta'an malee, Rabbi Waandhi keessan ammaa achi orma kanniin sirima isin afo'oo ari'ee akka hin baafne beekaa'a. «Ani amma isin biraa gara garaa lafaa deema'aara isinillee waan Rabbi waan keessan waan mishaa jedhe maraa keessaa tokkollee akka hin hafne lubbuun teessanii fi onneen teessan haa beettuu; wonti isiniin jedhan maruu isinii raawwatameera; sanniin keessaa tokkollee hin hafne. Rabbi Waandhi keessan akkuma wonti mishaan inni dubbate maruu isinii ta'e akkasuma biyyattii michuu tana keessaa haga isin balleessutti waan badaa maraa isinitti fida. Yoo ajaja Rabbi Waandhi keessan isin ajaje diiddanii waaqolee tolfamaa biraa waaqeffattanii sagaddaniif, yoma san lolli Rabbii isin irratti bu'a; biyya michuu inni isinii kennu irraallee daddaftanii baddan» isaaniin jedhe. Iyyaasuun gosa banii Israa'elii maraa Seekemitti wolitti qabe; jaarsota Israa'elii, bulchoota isaanii, abboota murti'iitii fi worra hujii raawwachiisan waame; isaanillee dhufanii Rabbiin afoo dhaabatan; Iyyaasuun banii maraanuu, «Rabbi Waandhi Israa'elii akkana jedha, ‹Abboonni teessan Abrahaamii fi abbaan Naakoorii Taaraan dur laga Efraaxisii gamatti waaqolee tolfamaa waaqeffata'aa turan; abbaa keessan Abrahaamiin laga gamatti biyya Kana'aanii keessatti isa woliin ta'ee fiixaa isaa baay'isee Yisaaqiin kenneef. Yisaaqiillee Yaaqoobii fi Eesawuu kenne; Eesawu'uu gaara Seeyirii kenneef; Yaaqoobii fi ijoolleen isaa garuu gara biyya Misirii gad bu'an. Ani garuu Muuse'ee fi Aarooniin isaanitti ergee worra biyya Misirii isaan jiddu'utti bala'aan dhayee achi keessaa isaan baase. Abboonni teessan biyya Misiriitii baatee galaana bira geette; worri Misirii abboota teessan fardaa fi konkolaataa fardaatiin haga galaana diima'aa isaan ari'an. Hennaa san isaan gara Rabbii iyyinaan Rabbi isaanii fi worra biyya Misirii jiddu'utti dukkana buusee galaana isaan irra gara galchee galaanni worra biyya Misirii akka liqimse ijji teessan argiteerti; hennaa dheera'aaf biyya gammoojji'ii keessa jiraattaniirtan. Anillee gara biyya Yoordaanosiin gamaa gara worra biyya baya biiftu'uu gara worra Amoorotaa isin fide; isaanillee isiniin lolan, ani garuu dabarsee isaan isinii kenne, isinillee biyya isaanii dhaaltan, isaanillee isin afo'oo balleesse. Ilmi Seefoorii Baalaaq mootiin Moo'aabii isiniin lole akka ilmi Bi'oorii Bala'aam isin abaaruuf dhaamsa ergee isa waamsise. Ani garuu Bala'aamiin dhagawuu hin feene, inni sirima isin eebbisee harka isaa jalaa isin baase. Isin laga Yoordaanosii ceetanii gara Iyyaariko'oo dhuftan; worri Iyyaariko'oo, Amooronni, worri Feerzotaa, worri Kana'aanii, worri Keexotaa, worri Gergeseenotaa, worri Eewwotaatii fi worri Iyyaabusootaa isiniin lolan; ani garuu dabarsee harka keessan jala isaan galche; afoo keessanitti qarxaasaa gad dhiise; guraade'ee fi ebo'oon uduu hin taane mootota worra Amoorotaa lamaanuu isin afo'oo ari'e. Lafa ufii cirtanii hin baafnee fi qachoota isin hin ijaarre isinii kennee keessa jiraattan; daraaraa muka woyini'iitii fi muka ejersaa ka ufii hin dhaabne ka ufii itti hin xaarre nyaattan. Ammallee isin Rabbiin sodaadhaa'a; Rabbiin dhugamaan onnee teessan guutu'uun waaqeffadhaa'a; waaqolee tolfamaa abbootiin teessan laga gama biyya Misirii keessatti waaqeffatan uf irraa fageessaa'a; Rabbiin waaqeffadhaa malee. Yoo Rabbiin waaqeffachuun waan hamaa isinitti fakkaatee waaqolee tolfamaa abboonni teessan hennaa laga gama jiran yookaan biyya Amoorotaa ka amma keessa jirtan keessatti yoo ka waaqeffatan ta'ellee Rabbii waaqeffachu'uuf taatan adhuma filadhaa'a; anii fi manni kiyya garuu Rabbiin waaqeffanna» isaaniin jedhe. Baniinillee deebisee, «Rabbiin waaqeffachuu dhiifnee waaqolee tolfamaa kaawwan waaqeffachuun nu irraa haa fagaatu. Inni nu'uu fi abboota teenna garbummaa biyya Misirii keessaa nu baase, ka nu afo'otti maalalee gugurdaa godhe ka karaa deemne maraa fi orma keessa lufne maraa jiddu'utti nu eege Rabbii keenna. Rabbiin orma lafa irra jiru maraa fi worra Amoorotaa ka biyya san keessa jiru maraa afoo keennaa ari'e Rabbii keenna waan ta'eef isa waaqeffanna» Iyyaasuun bani'iin, «Inni Rabbi woyyu'uu fi Rabbii hinaafu waan ta'eef Rabbiin waaqeffachuu hin dandeettan; inni yakkaa fi cubbuu keessan isinii hin dhiisu. Rabbiin dhiiftanii waaqolee tolfamaa kanniin yoo waaqeffattan, inni yoo hagamillee dur waan mishaa isinii godhe, amma deebi'ee waan hamaa isinitti fidee isin balleessa» isaaniin jedhe. Baniin garuu Iyyaasu'uun «Wonti kun sirima hin ta'u, nu Rabbiin waaqeffanna» jedhaniin. Iyyaasuunillee bani'iin, «Isin akkuma Rabbiin waaqeffachuu filattan isinuu raga'a» isaaniin jedhe; isaanillee, «Ee nu raga'a» jedhan. Innillee «Amma waaqolee tolfamaa isin jidduu jiran uf keessaa baasa'aatii qalbii keessan gara Rabbii Waaqa keessanii deebisaa» isaaniin jedhe. Kanaan maayessa baniinillee Iyyaasu'uun, «Rabbii Waaqa keenna hin waaqeffanna hin ajajamnaafille'e» jedhaniin. Gaafas Iyyaasuun banii woliin waadaa galee, Seekemitti murti'ii fi seera isaanii kenne; Iyyaasuun seera kana maraa kitaaba seeraa irratti barreesse; kanaan maayessa dhagaa guddaa tokko fuudhee muka qilxu'uu ka mana woyyuu Rabbii bira jiru jalatti dhaabe. Iyyaasuun banii maraan akkana jedhe, «Dubbii Rabbi nutti hime maraa waan dhagayeeruuf dhagaan kun ragaa nutti ta'a; kanaafuu yoo Waaqa keessan gantan isin irratti ragaa ta'a» isaaniin jedhe. Kanaan maayessa Iyyaasuun banii maraa gara lafa isaanii yaase. Achiin maayessa garbichi Rabbii ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun woggaan isaa dhibba tokkoo fi kudhan ta'ee du'e; Minaaseeraa biyya gaaraa ta Efreemii gaara Ga'aasii ka gara mirgaatiin jirtu daangaa lafa isaatitti awwaalan. Bara Iyyaasuun jiraate maraa waan Rabbi worra Iyyaasu'uun maayessa jiran maraa godhe haga beekan bara jaarsotaa maraa keessatti Israa'el Rabbiin hin waaqeffate. Lafee Yooseefii ka ijoolleen Israa'elii biyya Misiriitii fidde, lafa Yaaqoob abbaa Seekeemii ka ijoollee Emoorii irraa hoolaa dhibbaan bite ka qonnaa keessatti Seekeemitti awwaalan; qonni sun ijoollee Yooseefiitii kenname. Ilmi Aaroonii Alaazarillee du'ee, biyya gaaraa ka Efreemii lafa abbaan Finihaasii kenne Gibi'atti awwaalaniin. Haga Iyyaasuun du'een maayessa ijoolleen Israa'elii «Worra Kana'aanii woliin wol lolu'uuf eentu nu afoo deema? » jedhanii Rabbiin gaafatan. Rabbillee, «Yihuudaan isin afoo haa bawuu, ani biyya san isinii kenneeraa» jedhe. Yihuudaan obboleessa ufii Simooniin, «Koottaa worra Kana'aaniititti woliin duullaa, nullee yoo isin duultan isin woliin duullaa» jedhe; Simoonillee lolaaf baye. Achiin maayessa Rabbi worra Kana'aaniitii fi worra Feerzotaa dabarsee harka isaanii jala galche; isaanillee Beezeeqiin keessatti nama kuma kudhanii ajjeesan. Adoonibeezeqiinillee Beezeeqitti arganii lolaniin; worra Kana'aaniitii fi worra Feerzotaallee hin dhayan. Adoonibeezeq dheessinaan ari'anii qabanii quba abbuuddicha harkaatii fi ka lukaa irraa muran. Adoonibeezeq, «Mootota torbaatamaa ka qubni abbuuddicha harkaatii fi ka lukaa irraa murame, hulee ani nyaata nyaadhutti na jala taa'anii hambaa qocata'aa turan san irratti akkuma ani godhe Rabbillee na irratti godhe» jedhe; isaan fuudhanii gara Yerusaalemii isa fidan, innillee achumatti du'e. Worri Yihuuda'aa biyya Yerusaalemiitiin guraade'een lolanii lafa isaaniillee qabatanii, qachattii isaaniillee ibiddaan guban. Kanaan maayessa worri Yihuuda'aa worra Kana'aanii ka lafa gaaraatii fi gara bita'aa ka gammoojjii keessa jiraataniin lolu'uuf gad bu'an. Yihuudaanillee worra Kana'aanii ka Keebrooniin keessa jiraniin lolu'uuf dhaqe; asiin dura maqaan Keebroonii Qiriyaati'arbaaq ture; isaan gosa Seesinii, Akimaanii fi Talaaminiin mooyatan. Achiin maayessallee Yihuudaan namoota Darbe'eetiin lolu'uuf deeme; asiin dura maqaan Darbe'ee «Qiriyaaseefeer» jedhamti ture; Kaaleebillee «Nama Qiriyaaseefeeriitiin lolee qabatu'uuf mucattii tiyya Aaksaaniin itti heerumsiisa» jedhe. Obboleessi Kaaleebii diqqaan intala Qeeneezii Gotoniyaaliin qabee ilma ufii Aaksaanitti fuudhe. Isiinillee hennaa gara isaa dhaxxe, «Abbaa ufii irraa akka inni lafa kadhatu isa gorsite » isiin harree irraa buunaan Kaaleeb, «Maal barbaadda» isi'iin jedhe. Isiinillee, «Lafa cinaa bita'aatiin jirtu waan naa kenniteef akkasuma hulee burqaa bisaanii qabdullee eebba godhii naa kenni» jetteen; Kaaleebillee lafa burqaa bisaanii ta gubba'aatii fi ta jalaallee hin kenneef. Ijoolleen soddaa Muuse'ee ta worra Qeenotaa ijoollee Yihuuda'aa woliin qachaa Meexxii qabduu ka'anii haga lafa gammoojjii bita'aa ka Yihuuda'aa ka Araadiin bira jirtutti bayanii banii achi jiru woliin jiraatan. Yihuudaan obboleessa ufii Simooniin woliin deemanii worra Kana'aanii ka Sifaatiin keessa jiraataniin lolanii sirima isaan balleessanii maqaa qachattii saniillee, «Hoormaa » jedhanii itti baasan. Yihuudaan Gaaza'aa haga daangaa isi'ii Asqaalona'aa haga daangaa isi'ii, Aqaroonaallee haga daangaa isi'ii qabate. Rabbi Yihuudaa woliin waan jiruuf inni biyya gaaraa sanniin fudhate; worra dhooqa keessaa garuu isaan konkolaataa sibiilaa waan qabaniif achi keessaa isaan baasuu hin dandeenne. Akkuma Muuseen jedhe Kaaleebii Keebrooniin kennaniif; achiin maayessa inni ijoollee Eenaaqii sadiin achi keessaa baase. Garuu worra Iyyaabusootaa ijoolleen Biiniyaamii achii isaan hin baafne; haga adhaa Iyyaabusoonni ijoollee Biiniyaamii woliin Yerusaalemiin keessa jiraata'aaran. Gofti Yooseefiillee Beeteeliin lolu'uuf bayan, Rabbillee isaan woliin jira. Worri Yooseefii gaadduu gara worra Beeteelii ergan; asiin dura maqaan qachattii sanii Loozaa jedhama ture. Worri gaadullee namni tokko hennaa qachattii san keessaa bawu arganii, «Karaa gara qachatti'ii seenaniin nutti mudhisi nullee akka miidhaan si irra hin geenne goonaa» jedhaniin. Innillee karaa gara qachatti'ii seenaniin isaanitti mudhise, isaanillee guraade'een lolanii qachattii san balleessan; namicha karaa isaanitti mudhise sanii fi worra isaa maraa hin tundhe. Namichillee gara biyya Keexotaa deemee hulee dhaqe sanitti qachaa ijaaree maqaa isi'iillee «Loozaa» jedhee itti baase; haga adhaallee maqaan isi'ii kana. Gofti Minaase'eellee namoota ganda Beetasaanii, Yatakinaanii, Yadoorinii, Yabela'imiitii fi namoota ganda Magdoonii achi keessaa hin baafne; worri biyya Kana'aaniillee achuma taa'an. Worri Israa'elii haga jabaataniin maayessa worra Kana'aanii hin gabbarsiisan malee uf keessaa isaan hin baafne. Gofti Efreemii worra Kana'aanii ka qachaa Geezirii keessa jiraatan uf keessaa hin baafne; isaan isaanuma woliin jiraatan. Gofti Zaabilooniillee namoota biyya Qeedirooniitii fi namoota Naahiloonii uf keessaa hin baafne; kanaaf worri Kana'aanii isaan woliin jiraata'aa gibirallee isaan gabbaran. Gofti Aseeriillee namoota gosa Koonii, Siidoonii, Ayilaabii, Akiziibii, Hilba'aa, Afeeqiitii fi namoota gosa Ra'aabii uf keessaa hin baafne. Worra Kana'aanii ka isaan keessa lafa san irra jiraatan waan uf keessaa hin baafneef ijoolleen Aseerii isaanuma woliin jiraatan. Gofti Niftaalemiillee worra Beetisaamisiitii fi worra gosa Beeti'anaatii uf keessaa hin baafne; worra Kana'aanii ka biyya san keessa jiran woliin jiraatan; isaan garuu worra gibira isaan gabbaru ta'an. Amooronni worra gosa ijoollee Daanii gara biyya gaaraa ol ittisanii gara dhooqaa akka hin buune dhooggan. Amooronni gaara Heeresii, Heelonii fi Shaalbiimiin keessa jabaatanii jiraatan; garuu worri Yooseefii hunnaan isaan gabbarsiisan. Daangaan lafa worra Amoorotaa goodda Aqiraabii lafa dhaga'aa irraa jalqabee haga olii baya ture. Maleekkaan Rabbii Gelgala'aa gara Bookimii dhufee, «Ani biyya Misiriitii isin baasee biyya abbootii teessanii kennu'uuf waadaa galetti isin galcheera; ‹Ani waadaa kiyya ka bara baraa ka isin woliin gale hin diigu. Isinumti hulee ciinca'aa ka isaanii diigaa malee; worra biyya kana keessa jiraatan woliinillee waadaa hin galinaa'a› isaaniin jedhe; isin garuu naa hin ajajamne; waan kana maaf gootan? Kanaafuu ani isin afo'oo isaan hin ari'u; isaan garuu isin rakkisan; waaqoleen tolfamaan isaaniillee Siiboo isinitti ta'an» jedhe. Hennaa Maleekkaan Rabbii dubbii kana maraa ijoollee Israa'elii maratti hime, baniin laagaa ufii ol qabatee booye. Maqaa hulee sanii «Bookiim » jedhanii itti baasan; hulee sanitti ciincaa Rabbiif dhiyeessan. Hennaa Iyyaasuun banii san achii gad dhiise, ijoolleen Israa'elii gara lafa ufii dacha'an. Akkuma bara Iyyaasuun jiru maraa waan guddaa Rabbi Israa'elii godhe arganii, Iyyaasu'uun maayessallee bara bulchiinsa jaarsotaa maraa baniin Rabbiin waaqeffate. Garbichi Rabbii ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun haga woggaan isaa dhibbaa fi kudhan ta'e du'e. Biyya Efreemii lafa gaaraa ta gaara biyya Ga'aasii gara mirgaatiin jirtuu «Taminaarisii» daangaa lafa isaatitti awwaalan. Dhaloonni bara sanii dhumanii abbootatti eda'aman; dhaloota dhume saniin maayessa, dhaloota waan Rabbi Israa'elii godhe hin beennetu dhalate. Kanaan maayessa ijoolleen Israa'elii waan hamaa Rabbiin afo'otti hojjatanii Ba'aaliin waaqeffatan. Rabbii Waaqa abboota isaanii biyya Misirii keessaa isaan baase dhiisanii waaqolee tolfamaa banii ormaa ka naannoo isaanii jiraniin adda waaqolee tolfamaa biraa faanaa bu'a'aa sagadaniifii Rabbiin aarsan. Rabbiin dhiisanii «Ba'aalii fi Astaarotiin» waaqeffatan. Rabbillee Israa'eliin lolee worra isaan booji'aniif dabarsee isaan kennee harka diintota naannoo isaanii jala waan isaan galcheef diintota ufii uf irraa dhoogguu hin dandeenne. Akkuma Rabbi dubbatee isaanii kakate, karaa bayan marattuu harki Rabbii waan isaanitti hammaateef guddisanii dhiphatan. Kanaan maayessa Rabbi abboota murti'ii isaanii kaasee, worra isaan booji'e harkaa isaan baase. Isaan garuu Rabbii Waaqa ufii dhiisanii waaqolee tolfamaa biraatii sagadan malee abboota murti'iitii hin ajajamne; karaa abbootiin isaanii deema'aa turan irraa goran akka abbootiin isaanii Rabbiif ajajaman san hin goone. Hennaa Rabbi abboota murti'ii isaanii kaase, Rabbi ufumaa abboota murti'ii sanniin woliin ta'ee worra isaan dhiiba'aa, isaan dhiphisanii fi booyicha isaaniitiif gadda'aa ture. Haga abboonni murti'ii sunniin du'aniin maayessallee waaqolee tolfamaa waaqeffatu'uun, isaanii sagadu'uun, waan hamaa abboonni isaanii godha'aa turan caalaa godhan; mata jabumma'aa fi hujii ufii hamaa san hin dhiifne. Kanaafuu Rabbi guddisee isaaniin lolee «Baniin kun ajaja waada'aa ka ani abboota isaaniitii kenne waan diiganiif, dubbii kiyyallee waan dhagawuu didaniif, Rabbi worra ormaa kanniin ariifatee isaan afo'oo hin ariine; Iyyaasu'uttillee dabarsee hin kennine. Worra gugurdoota shanan Filisxeemii, worra Kana'aanootaa maraa fi Siidoonota maraa gaara Ba'aal'armoni'eemiitii haga seensa Haamaatii, worra Eewwotaa ka gaara Libaanosii irra jiran, Ajaja Rabbi abboota isaaniitii Muuse'etti kenne akka beekan worra Israa'elii qoree laalu'uuf worri inni hambise kanniin. Ijoolleen Israa'elii worra Kana'aanotaa, Keexotaa, Amoorotaa, Feerzotaa, Eewwotaa fi worra Iyyaabusootaa jidduu jiraatan. Isaanillee worra kanniin irraa intala fuudhan, ta ufiillee isaanitti heerumsiisan, waaqolee tolfamaa isaaniillee hin waaqeffatan. Ijoolleen Israa'elii Rabbiin afo'otti waan badaa hojjatan, Rabbii Waaqa ufii dhiisanii Ba'aalii fi Astaarotiin waaqeffatan. Kanaaf Rabbi worra Israa'eliitiin lolee harka mootii Maasephexomiya'aa Kusaarsate'etti dabarsee isaan kenne, ijoolleen Israa'eliillee woggaa saddeetii Kusaarsatee jalatti bulan. Achiin maayessa ijoolleen Israa'elii gara Rabbii iyyatan, Rabbillee nama isaan hambisu obboleessa Kaaleebii maandhicha ilma Qeeneezii Ootini'eeliin isaanii erge. Hafuurri Rabbii Gotoniyaaliin irra dhufe; innillee worra Israa'elii bulcha'aa ture; innillee lolu'uuf ka'ee Rabbi mootii Masephexoomiya'aa Kusaarsatee dabarsee harka isaatitti kenne; innillee Kusaarsatee hin mooyate. Bara san irraa jalqabee biyyiti sun haga woggaa afurtamaa lola irraa hara baafatte; achiin maayessa ilmi Qeeneezii Gotoniyaal hin du'e. Ijoolleen Israa'elii ammallee deebi'anii Rabbiin afo'otti waan hamaa waan hojjataniif Rabbi mootii Moo'aabii Egloomiin Israa'eliin irratti kaase. Egloom ijoollee Amooniitii fi Amaaleqii ufitti eda'ee dhaqee Israa'eliin lolee Iyyaarikoo, qachattii Meexxi'ii qabate. Ijoolleen Israa'elii mootii Moo'aabiitiif woggaa kudha saddeetii garbooman. Kanaan maayessa ijoolleen Israa'eliillee gara Rabbii iyyinaan nama achi keessaa isaan baasu nama gosa Biiniyaamii Eehuudii bitaatticha isaanii kaase; ijoollee Israa'elii karaa isaatiin gara mootii Moo'aabii gara Eegloomii gibira ergan. Eehuud billawa gara lamaaniin qara qabu ka dheerinna ciqilee tokkoo hojjatee, gara harka mirgaatiin hidhatee, mootii Moo'aabii Eegloomii gibira fide; Eegloom guddisee furda'a. Haga gibira gabbareen maayessa, namoota gibira fuudhan geegesse. Eehuud garuu karaa Gelgela'aa ka dhaaba dhagaa waaqa tolfama'aatiin gara mooti'ii deebi'ee, «Mootii'i! ani amma waan dhossa'atti sitti himu qaba» jedhe; mootiinillee, «Cadhi!» jedheen. Namoonni mootii bira jiranillee biraa bayan. Eehuud, mootii teessoo ufii irra taa'eerutti siiqee, «Ergaa Waaqaa sitti himaa» jedheen; yoo mootichi teessoo ufii irraa ol ka'u, Eehuud harka ufii ka bita'aatiin billawa ufii luqqifatee garaa isaa keessa woraane. Billoofni haga gonfaa moora keessa lixee duubaan fulla'e. Eehuud bayee balbala duubaan itti cufe. Haga Eehuud lixeen maayessa garboonni isaa dhufanii akka balbalti duubaan cufamteertu arganii maal laataa fincaaniif taa'eera jedhanii achuma turan. Haga guddisanii dhaabataniin maayessa uduma dhaabatan balballi banamuu dinnaan furtuu fudhatanii, balbala bananii hennaa ol seenan, mooticha du'e reeffa lafatti argan. Hennaa isaan uduu dhaabatan turan san keessa Eehuud dheessee dhaaba dhagaa ka waaqa tolfama'aa san lufee Seerota'atti gale. Hennaa achi gaye gaara Efraata'aa irra ol bayee xurumbaa afuufnaan baniin Israa'elii gara isaa yaa'e, innillee isaan jalaa deema'aa, «Kunoo Rabbi diina keessan Moo'aabiin dabarsee isinii kenneeraa na duukaa koottaa'a» isaaniin jedhe; isaanillee isa faanaa gad bu'anii karaa worri Moo'aabii laga Yoordaanosii ceewuun qabatanii nama tokkollee ceewuu dhooggan. Hennaa san worra Moo'aabii keessaa dargaggeeyyii kuma kudhanii ajjeesan; isaan keessaa namni tokkollee jalaa hin baane. Gaafas Moo'aab harka ijoollee Israa'elii jalatti salphate; achiin maayessa woggaa saddeettamaaf nagaya argatte. Eehuudiin maayessa ilmi Anaatii Semegaar mooyee worra Filisxeemii keessaa gaafa sanga'aatiin nama dhibba jahaa ajjeesee worra Israa'elii Filisxeemiin jalaa baase. Haga Eehuud du'een maayessa ijoolleen Israa'elii Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatan; Kanaaf Rabbillee mootii biyya Kana'aanii ka Atsooriin irratti mooye harka Iyyaabiisii jala isaan galche; ajajaan loltoota orma sanii Sisaaraa Aarsootiin keessa taa'u. Ijoolleen Israa'elii gara Rabbii iyyan; Iyyaabiis waan konkolaataa sibiilaa dhibba sagal qabuuf ijoollee Israa'elii woggaa diddamaaf guddisee isaan rakkisa'aa ture. Hennaa san raattittiin intalti Laafdootii Dibooraan haadha murti'ii ta worra Israa'elii turte. Isiinillee biyya gaaraa ka Efreemii Raama'aa fi Beeteeliin jidduu muka Meexxi'ii ka muka Diboora'aa jedhamu jala teetti; achitti ijoolleen Israa'elii murtii argatu'uuf isii bira dhufa'aa turan. Qaadesiin keessaa Niftaalemii fi ilma Abini'eeminii Baarqiin waamtee, «Rabbi Waandhi Israa'elii ‹Deemii gara gaara Taaborii ol bayi; «Ijoollee Niftaalemiitii fi ijoollee Zaabiloonii keessaa namoota kuma kudhanii fudhadhuutii, Ani bulchaa loltoota Iyyaabisii Siisaaraa laga Qisoonii biratti isa, konkolaataa fardaatii fi banii maraa dabarsee sii kennaa› jedhe» jetteen. Kanaan maayessa Baarqillee, «Yoo ati na woliin deemte, anillee hin deema, garuu yoo ati na woliin deemuu baatte anillee hin deemu› » isi'iin jedhe. Isiinillee, «Ani dhugamaan si woliin deema› » garuu waan Rabbi Siisaaraa dabarsee harka dubarti'ii jala galchuuf wonti kun siif ulfinna hin ta'u jetteenii Dibooraan kaatee Baarqiin woliin gara Qaadesii deemte. Baarqi Zaabiloonii fi Niftaalemiin gara Qaadesii waame. Namoonni kuma kudhaniillee isa faanaa yaa'an, Dibooraanillee isuma woliin duulte. Hebeer namni gosa Qeenee ijoollee Obaabii soddaa Muuse'ee worra gosa Qeene'ee irraa fooyame; Qaadesitti dhiyaatee muka guddaa Saa'inaahimiin bira jiru biratti daasee dhaabe. Ilmi Abini'eemii Baarqi akka inni gara gaara Taaborii ol baye Siisaara'atti himan. Siisaaraan garuu konkolaataa fardaatii fi konkolaataa sibiilaa dhibba sagalii banii isa woliin jiran maraa Ariisootii gara laga Qisooniititti wolitti isaan qabe. Dibooraan Baarqiin, «Ka'i! guyyaan Rabbi Siisaaraa harka kee jala galchu adha waan ta'eef Rabbi si afoo bayeeraa» jetteen; Baarqillee namoota kuma kudhanii qabatee gaara irraa gad bu'e. Rabbi Siisaaraa konkolaataa fardaatii fi loltoota isaa maraa guraade'een Baarqiin afo'oo ari'e; hennaa san Siisaaraan konkolaataa fardaa irraa bu'ee lukaan dheesse. Baarqi konkolaataa fardaatii fi loltoota isaa haga Ariisootii ari'e. Loltoonni Siisaara'aa maruu tokkollee uduu hin hafin guraade'een dhuman. Mootii Azoorii Iyyaabisii fi mana Hebeerii gosa Qeenii jiddu'utti waan nageenni tureef Siisaaraan dheessee gara daasee Iyyaa'elii haadha manaa Hebeerii gosa Qeenii gaye. Iyyaa'elillee Siisaaraa reebbattee, «Gooftaa kiyya homaa hin sodaatinii seeni» jetteenii jennaan, innillee daasee isi'ii keessa seene, isiinillee golga keessatti isa dhossite. Innillee, «Yabo'oo dheebodheera bisaan diqqoo naa kenni» isi'iin jennaan isiinillee ottee raaso'oo afaan hiittee aannan obaaftee isa dhossite. Kanaan maayessa innillee isi'iin «Gad bayii balbala daase'ee afoo dhaabadhuu yoo namni dhufee si gaafate hin jiru jettaanii» jedheen. Haati manaa Hebeerii Iyyaa'el xiribbaa daase'een dhaabanii fi sukkaya ittiin gad dhooftuun fudhattee suutaan itti dhiyaattee isaa dadhabee rafa'aaru xiribbaa sibiilaatiin gurra keessaan lafatti gad hodhitee ajjeefteen. Hennaa Baarqi Siisaaraa faana dhayee dhufu, Iyyaa'el ijatti baatee, «Koottu! nama ati soqa'aartu sitti mudhisaa» jetteen; innillee hennaa gara daase'ee seenu, Siisaaraa ka woraannamee du'eeru arge. Gaafas Rabbi mootii Kana'aanii Iyyaabisiin ijoollee Israa'elii jalatti isa kuffise. Haga mootiin Kana'aanii Iyyaabis badutti ijoolleen Israa'elii guddisanii jabaatan. Gaafas ilmi Abini'eemii Baarqii fi Dibooraan akkana jedhanii faarfatan. Israa'eliin keessatti bulchoonni waan bulchaniif, baniin fedha ufiitiin waan uf kenneef Rabbiin galatoonfadhaa'a! Isin mootonni dhagayaa'a! isinillee bulchoonni caqasaa'a! Ani Rabbiif faarfadha; Rabbii Waaqa Israa'eliitii faarfadha. Rabbii keenna! Ati hennaa gaara Edoomiitii kaate, hennaa ati lafa Edoomii irra deemte, lafti hin sochoote; samiiwwan rooba coccobsan, Ee! Duumessi akkasuma bisaan roobe. Rabbii Waaqa Israa'elii afo'otti; Waaqa Siina'aa afo'otti; gaarran hin socho'an. Bara Anaatii ilma Semegaarii; bara Iyyaa'elii karaan cite; Imaltuun karaa Sirxiitiin deeman ture; Ati Dibooraan haga mootuuf haga hennaa ati Israa'elii haadha taatee kaatuutitti; Israa'eliin keessatti, jajjaboonni hafan hin jiran; Waaqa tolfamaa haarawa filatan; hennaa san lolli balbala maraa irratti ta'e; namoota Israa'elii kuma afurtamaa keessa Namni wonte'ee fi woraana harkatti qabate tokkollee hin turre. Garaan kiyya gara worra Israa'eliin bulchaniiti. gara worra fedha ufiitiin Rabbiif uf kennaniitii, Rabbiin galatoonfadhaa'a. Isin worri Harree Adii yaabbattan, worri kooraa irra teettan, worri karaa deemtan waan kana dubbadhaa'a. Kunoo caqasaa'a! laagaa worra naannoo boolla bisaanii taa'anii wocanii, Laagaan namoota hedduu kun mooyachuu Rabbiitii fi mooyachuu banii Israa'elii mudhisa. Achiin maayessa laagaan banii Rabbii qachaa keessaa gara karraa gad baye. Dammaqi! dammaqi Dibooraa dammaqi! dammaqi faaruu faarfadhu! Baarqi ka'i! Ilma Abini'eemii boojuu booji'i. Hennaa san worri hafe, gara gugurdootaatii fi gara bani'ii gad bu'e. Rabbi waan kiyyaaf gugurdoota irratti bu'e. Worri worra Amaaleqii woliin hidda tokko ta'an Efreemii fi Biiniyaam, Banii kee jiddu'utti siin maayessa bu'an, bulchoonni Maakiriin irraa, worri ulee mootumma'aa qabatan Zaabilooniin irraa gad bu'an. Bulchooni Yisaakoorii Dibooraa woliin turan. Yisaakoorillee akkuma Baarqii ture. Isuma duubaan gara dhooqaa gad ariifatan. Laga Roobeelii biratti qorannoo gudda'atu ture. Hennaa horiin madhatu dhagayu'uuf maaf gooruu hoolotaa keessa teette? laga Roobeelii biratti qorqortii gudda'atu ture. Gala'aad Yoordaanosiin gama taa'e; Daan maaf markaba keessatti hafe? Aseerillee qarqara galaanaa taa'e. Afaan lagaatitti hara baafate. Zaabiloon banii du'aaf dabarsee uf kenne. Worri Niftaalemii tulluu biyya ufii irra jiraatan. Bisaan Magedoonii Ta'inaakiin biratti; mootonni dhufanii lolaniin, Mootonni Kana'aanillee isaaniin lolanii; boojuu birri'ii hin arganne. Urjii samii irraatiin lolan; deemsuma ufiitiin Siisaara'aan wol lolan. Lolaan Qiisoonii isaan balleesse; Lanni Qiisoonii ka durii lolaan isaan fudhate; lubbuu tiyya! gammadii lafa dhiiti! Sababaa ariisaa worra jajjaba'aatiin; faradoon lafa sochoofte. Maleekkaan Rabbii akkana jedhe, «Meerooziin abaaraa'a! worra achi jiraatan maraa sirima abaaraa'a! Isaan Rabbiin ladda hin dhaabanne; Isaaf lolu'uufillee hin hiriirre.» Haati manaa ta Hebeerii nama gosa Qeeneezii Iyyaa'el, dubartoota maraa caalaa haa eebbifamtu. Dubartoota daasee keessa jiran caalaa haa eebbifamtu. «Bisaan kadhannaan aannan kenniteef!» Sabaree worri gugurdaan ittiin dhuguun itittuu dhiyeessiteef. Akkasuma harka tokkotti xiribbaa'a, harka tokkotti sukkaya qabattee, xiribbaa mataa Siisaara'aa irratti gad dhooftee lafaan wolitti gad hodhite. Luka isi'ii jalatti gatantaree kufe; luka isi'ii jalatti gombifame; bakkuma gombifame sanitti kufee du'e. Isiin garuu fodda'aan isa laalte; Haati Siisaara'aa qaalawaan gad laala'aa, Maaf konkolaataan fardaa ka mucaa kiyyaa ture? maaf laagaan konkolaata'aa dhagayamuu dhabe?» jettee gaafatte. Dubartoonni ogeeyyiin isi'ii sunniin akkana jedhanii isi'ii deebisan; Isiin garuu akkana jettee ufii deebifte. «Boojuu argateeraamii? boojuu argame san qoodama'aa jiraatinnuu? nama maraafuu intallan babbareeddan takka yookaan lama argatinnuu? Siisaaraan uffata bifa bifaa babbareedaa, naallee, uffata babarruu fidinnaa?» Ee Rabbi! diintonni kee akkana haa badan, Jaalalloon kee garuu akka aduu bariisa'aatitti haa ifan. Kanaan maayessa biyya lafaa irratti woggaa afurtamaa lafti nagaya taate. Ijoolleen Israa'elii Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjannaan, Rabbi woggaa torbaaf dabarsee harka worra Miidiyaamii jala isaan galche; Worri Miidiyaamii guddisanii ijoollee Israa'elii miidhan; Sababa worri Miidiyaamii isaan miidhaniif gaara gubba'atti boollaa fi goda midhaaffatan. Waan hennaan worri Israa'elii midhaan facaafatan gayeef, worri Miidiyaamiitii fi worri Amaaleqii ka gara mirgaa jiraatan dhufanii, Isaan irratti quphatanii haga Gaaza'aatitti midhaan, horii, hoolota, sangoota, harriinii fi horii isaanii maraa jalaa balleessan. Worri Miidiyaamiitii fi worri Amaaleqii daase'ee fi horii isaanii fudhatanii akka gurmuu Awwaannisaatitti isaanitti duuda'aa turan; laakkobsi isaaniitii fi ka gaala isaanii bikka hin qabu; kunniin maruu lafa isaanii jalaa balleessu'uuf dhaqa'aa turan. Worri Miidiyaamii waan ijoollee Israa'elii guddisanii miidhaniif ijoolleen Israa'elii gara Rabbii iyyatan. Hennaa ijoolleen Israa'elii sababa worra Miidiyaamiitiif gara Rabbii iyyatan, Rabbi Waandhi gara ijoollee Israa'elii raagaa erge; innillee akkana jedhe; «Rabbi Waandhi Israa'elii akkana jedha, ani biyya Misiriitii garbummaa jalaa isin baase. Ani biyya Misiriititti harka worra isin dhiibuu jalaa isin baase, isaanillee isin afo'oo ari'ee biyya isaanii isinii kenne. Ani Rabbi Waaqa keessan, waaqolee tolfamaa biyya Amoorotaa ka keessa teettanii san hin sodaatinaa'a» jedhe; isin garuu waan ani isiniin jedhe hin dhageenne. Kanaan maayessa maleekkaan Rabbii dhufee ganda «Oofraa» jedhamtee waamamtuu dhufee muka qilxu'uu ka Iyyo'aasii nama gosa Abi'eezarii jala taa'e; ilmi Iyyoo'aasii Geedewoon hulee woyinii itti cuunfan keessatti worra Miidiyaamii jalaa dhokatee qamadii dhayata'aa ture. Maleekkaan Rabbii itti mudhatee, «Ati nama jabaa'a! Rabbi si woliin jira» jedheen. Geedewoonillee, «Gooftaa kiyya! uduu Rabbi nu woliin jiraatee, maaf wonti akkanaa kun nu irra gaya? Maalaleen abboonni teenna Rabbi biyya Misirii keessaa nu baase jedhanii nutti himan meeti? amma garuu Rabbi nu dhiiseera, dabarsee harka worra Miidiyaamiititti nu kenneera» jedheen. Kanaan maayessa Rabbi, «Hunnuma qabdu kanaan deemiitii Israa'eliin harka worra Miidiyaamii jalaa baasi, ani si ergeeraa» jedheen. Geedewoon garuu, «Gooftaan kiyya, ani Israa'eliin worra Miidiyaamii harkaa attamiin oolcha ree? Gofti kiyya gosa Minaase'ee keessaa gosa diqqa'a, anillee mana abbaa kiyyaa keessatti maraayyuu maandha'a.» jedhee deebiseef. Rabbi, «Ani si woliin jiraa waan ani si gargaaruuf worra Miidiyaamii akka namni tokko nama tokko dhawutti dhoofta» jedheen. Geedewoon Rabbiin, «Yoo ani si afo'otti gaachena argadhee jiraadhe, ka natti dubbata'aaru kun si ta'uu akka beeku malkata natti mudhisi; haga ani kennaa midhaanii sii dhiyeessutti yabo'oo asii hin socho'in» jedheen; Rabbillee, «Haga ati deebitutti si eega» jedheen. Geedewoon gara manaa galee korbeessa re'e'ee qalee, daakuu iifii kudhanii fuudhee xoroshoo raacitii hin qabne, foon koobo'otti, bisaan foonii xuwwe'etti buusee kanniin maraa qabatee muka qilxu'uu jalatti maleekkaa Rabbiitii dhiyeesse. Maleekkaan Rabbii, «Foonii fi xoroshoo kana fuudhiitii dhagaa kana irra kaayiitii bisaan foonii kana garuu fuudhii isa irratti jissi» jedheen; innillee akkasuma godhe. Maleekkaan Rabbii sunillee ulee harkaa qabuun hiixatee qaccee ule'eetiin foonii fi xoroshoo tuqe; hennama san dhagaa keessaa ibiddi bayee foonii fi xoroshoo sanniin nyaate; achiin maayessa maleekkaan Rabbii sun isa afo'oo dhokate. Geedewoonillee hennaa san akka inni maleekkaa Rabbii ta'e hubatee, «Rabbii guddaa'a! ani maleekkaa kee argeeraa na hobbaasi!» jedhe. Rabbi garuu, «Nageenni siif haa ta'u; hin sodaatin hin duutuu» jedheen. Geedewoon achitti hulee ciinca'aa hojjatee, «Rabbi Waaqa nagayaati» jedhee moggaase; huleen ciinca'aa sun haga adhaallee lafa worra Abi'eezarii hulee oofraa jedhamtu san jira. Rabbi galgaluma san Geedewooniin, «Sangaa abbeetii ka woggaa torbaatii fi sangaa biraallee fuudhii hulee ciinca'aa ka abbaan kee ba'aaliif ijaare diigi; waaqa tolfamaa isa bira jirtu ta ‹Asheeraa› jedhamtee waamamtu ta fakii intalaallee diigii balleessi. Hulema sanitti Rabbii Waaqa keetii hulee ciinca'aa midhaassii hojjadhu; achiin maayessa sangaa lammeesso'oo fuudhiitii fakii caccabsite sanniiniin ibidda qabsiisii korma san achi irratti ciincaa aaru godhii dhiyeessi» jedheen. Geedewoon garboota keessaa namoota kudhanii fuudhee akkuma Rabbi jedheen godhe; waan kana namoota qachaa san keessa jiraatanii fi gosa abbaa ufii waan sodaateef guyyaa sodaatee halkan hojjate. Worri qachaa sanii ganama yoo ka'an ba'aal waandhi tolfamaan diiggamee, fakiin intalattii Asheeraa ka naannaya hulee arsa'aatitti hojjatamee ture ka diiggameeru arganii, «Waan kana maaltu akkana godhe?» woliin jedha'aa yoo wol gaafatan, ka kana godhe ilma Iyyoo'aasii Geedewoon jedhan. Worri qachattii sanii Iyyoo'aasiin, «Ilmi kee hulee ciinca'aa ka ba'aalii diigee fakii Asheera'aallee diigee waan caccabseeruuf ilmi kee haa du'uu gad baasi!» jedhaniin. Abbaan Geedewooniillee deebisee, «Ba'aalii isintu mormaa? mo'o isintu isa hambisa? namni isaa mormu maruu boru ganama haa ajjeeffamuu; ba'aal garuu yoo Rabbiin ta'e, nama hulee ciincaa isaa diige woliin haa falmatuu!» jedhe. Kanaafuu gaafuma san «Hulee ciinca'aa ka ba'aalii diigee isa woliin haa falmatuu» jedhee Geedewooniin Yiruba'aal jedhee itti moggaase. Achiin maayessa worri Miidiyaamii, worri Amaaleqiitii fi namoonni baya biiftu'uu jiran wol gayanii laga Yoordaanosii ceeyanii dhooqa Iyiziraa'elii keessatti quphatan. Hafuurri Rabbii Geedewooniin keessa seennaan inni xurumbaa afuufee, namoota Abi'eezarii waame; isaanillee isa faanaa deeman. Gara gosa Minaase'ee maraa dhaamsa ergee isaanillee wol waaman, gara gosa Aseeriitii fi gara worra Zaabiloonii, gara gosa Niftaalemii dhaamsa erge; isaanillee yaa'anii gara isaa dhufan. Kanaan maayessa Geedewoon Rabbiin, «Yoo ati ijoollee Israa'elii karaa kiyyaan isaan hambisu'uuf taate, kunoo ani rifeensa hoola'aa obdii keessa kaayaa, yoo lafti gogaa ta'ee rifeensa hoola'aa caallaa irratti fixeensi bu'e, akka ati ijoollee Israa'elii naan oolchitu hin hubadha» jedhe. Wonti sunillee akkuma inni jedhe ta'e; innillee ganama ka'ee rifeensa hoola'aa irraa fixeensa itti bu'e cuunfee waan bisaan itti woraaban tokko guute. Geedewoon ammallee Rabbiin «Ani waa si gaafadhaa naan hin lolin; yabo'ootii ammallee qoree laalaa rifeensi gogaa ta'ee lafti martuu fixeensaan haa jiituu; kun akka malkata naa ta'u» jedheen. Halkan san Rabbi akkuma inni jedhe lafa maraa fixeensaan jiisee rifeensi callaan gogaa ta'e. Geedewooniin «Yiruba'aal» jedhamee fi baniin isa woliin jiru ganamaan ka'anii burqaa Haaroodii biratti quphatan; gandi worra Miidiyaamii isaaniin gara mirgaatitti tulluu Moore'ee ladda dhooqa keessa jiran ture. Rabbi Geedewooniin, «Baniin si woliin jiru baay'ateera; kanaaf worri Israa'elii ufiin uf oolche jedhee akka uf hin janye, ani worra Miidiyaamii dabarsee harka isaanii jala hin oolchu; kanaafuu ‹Ka nayee fi ka sodaate gaara Gala'aadiitii uf irra haa deebi'uu jedhii bani'itti himi»› jedheen; hennaa san banii keessaa namni kuma diddamii lamaa deebi'ee kumni kudhanii achitti hafe. Kanaan maayessa Rabbi Geedewooniin, «Baniin hafe ammallee baay'e'ee gara lagaa buusi achitti isaan qori; ka ani si woliin haa deemuu jedhe hin deema, ka ani si woliin hin deemu jedheen garuu hin hafa» jedheen. Baniillee gara lagaa buuse; Rabbi Geedewooniin, «Nama gad jedhee akka sareen arrabaan bisaan dhugutti gad jedhee dhugu maraa adda baasi; nama jilbiiffatee ganaa harkaatiin bisaan dhugu maraa adda baasi!» jedheen. Worri ganaa harkaatiin bisaan dhugan namoota dhibba sadihi. Baniin hafe garuu bisaan dhugu'uuf gad jilbiiffatan. Rabbi Geedewooniin, «Namoota dhibba sadihii ka ganaa harkaatiin bisaan dhugan sanniiniin diintota keessan jalaa isin oolcha, worra Miidiyaamii dabarsee harka keessan jala galcha; baniin hafe garuu gara qe'ee ufii haa deebi'uu» jedheen. Dhalee baniin harkaa qabuu fi xurumbaa fudhatanii namoota Israa'elii ka hafe maraa gara qe'ee keessanii galaa'a jedheen; namoonni dhibba sadihii ka hafan garuu isa woliin hafan; gandi worra Miidiyaamii goda isaan keessa jiraatanii gad jiran. Galgala gaafa sanii Rabbi, «Worra Miidiyaamii harka kee jala galchaa, ka'iitii gara gandiin isaanii gad bu'i, yoo gad bu'uu sodaatte, garbicha kee Furaa woliin gara gandaa gad bu'i. Waan jedhan dhageettaa; achiin maayessa ganda isaaniititti duulu'uuf hunna argattanii» jedheen; Geedewoonii fi garbichi isaa Furaan gara ganda duulli jiruu gad bu'an worri Miidiyaamii, worri Amaaleqiitii fi namoonni gara baya biiftu'uu maruu ka baay'inni isaanii akka awwaannisaa dhooqa keessatti quphataniiran; baay'inni gaala isaaniillee akka xidhacha galaanaa ka laakkobsa hin qabneeti. Hennaa Geedewoon achi gaye, namtichi tokko eebjuu eebjote san akkana jedhee ka himu dhagaye, «Bixileen garbu'uu diqqoon takka hennaa gangalata'aa gara ganda Miidiyaamiititti gad buutee daasee isaaniititti buutee dhoofte daaseen sunillee ka dalgatti gara galu arge» jedheen. Ka inni itti himellee deebisee, «Kun guraadee nama ilma Iyyoo'aasii Geedewoonii nama Israa'eliiti! malee waan biraatii miti; Rabbi worra Miidiyaamiitii fi loltoota isaanii harka isaanii jala oolcheera ka'aa'a!» jedheen. Geedewoon eebju'uu fi hiikkaa eebjuu sanii haga dhagaye Rabbiin galatoonfate; achii gara ganda Israa'elii deebi'ee Rabbi loltoota Miidiyaamii harka keessan jala galcheeraa ka'aa'a» isaaniin jedhe. Geedewoon namoota dhibba sadihii bakka sadihitti addaan qoodee namoota marattuu xurumba'aa fi ottee duwwaa keessa shawaa kaayee namootatti kenne. Achiin maayessa, «Na laala'aatii waan ani godhe godhaa'a, hennaa gara gandaa dhiyaanne yoo anii fi worri na woliin jiran xurumbaa afuufnu, isinillee naannoo ganda saniititti xurumbaa keessan afuufa'aa, ‹Rabbii fi Geedewooniif› jedhaa'a!» isaaniin jedhe. Halkan qixxeen uduu hin geenneen dura hennaa worri eegu wol jijjiirutti, Geedewoonii fi namoonni dhibbaa ka isa woliin jiran gara qe'ee dhufanii xurumbaa ufii afuufanii ottee harkaa qabanillee caccabsan. Namoonni bakka sadihitti qoodaman sunniin xurumbaa afuufanii ottee caccabsan; harka bita'aatitti garuu xurumbaa qabatanii Rabbii fi Geedewooniif» jedha'aa iyyan. Namni maruu naannoo isaanii marsanii dhaabatan; loltoonni maruu iyya dhageessisa'aa dheessan; Namoonni dhibba sadihii Geedewooniin woliin xurumbaa afuufan; Rabbi namoonni Miidiyaamiitii fi loltoonni isaanii maruu wolitti gara galanii guraade'een akka wol fixan godhe; loltoonni isaanii karaa Sireeroo'aatiin haga Beetishixa'aa, achiillee haga daangaa Abelimihoola'aa dheessan. Worri Israa'elii, Niftaaleem, Aseerii fi Minaaseen fa'a wol gayanii worra Miidiyaamii ari'an. Achiin maayessa Geedewoon worra gaara Efreemii gubbaa jiran maratti ergee «Koottaa gad bu'aatii laga Yoordaanosiititti gad bu'aa karaa Beetibaara'aatiin gad bu'aa karaa worri Miidiyaamii laga Yoordaanosii ceewuun qabadhaa'a» jedhe. Namoonni Efreemiillee wol gayanii karaa worri Miidiyaamii laga Yoordaanosii ceewuun Beetibaara'aa haga Yoordaanosii qabatan. Namoota gugurdaa Miidiyaamii lamaan Heereebii fi Zeebiin qabanii Heereebiin dhagaa qarsa'aa ka «Heereeb» jedhamu biratti ajjeessan; Zeebiiniin garuu, «Hulee woyinii itti cuunfan ta «Zeeb» jedhamtu biratti ajjeesan; worra Miidiyaamii ari'anii mataa Heereebiitii fi mataa Zeebiinii kutanii laga Yoordaanosii gamatti Geedewoonitti fidan. Kanaan maayessa namoonni Efreemii Geedewooniin, «Maaf akkana nu goote? hennaa worra Miidiyaamiitiin lolu'uuf baate maaf nu waamuu didde?» jedhanii mararamanii gara hanqoo ufii himatan. Inni garuu deebisee, «Haga ani godhe caalaa ka isin gootan hin caaluu? waan worri gosa kiyyaa godhe caalaa wonti isin worri Efreemii gootan diqqoonuu hin caala; Rabbi jajjaboota Miidiyaamii Heereebii fi Zeebiin harka keessan jala oolcheera; wonti ani godhe ka waan isin gootan fakkaatu mee kami?» isaaniin jedhe; inni kana jennaan isaan lash jedhanii aaruu dhiisan. Hennaa san Geedewoonii fi namoonni dhibba sadihii Yoordaanosiin gayanii ceeyanii yoo hagamillee dadhaban ari'a'aa turan. Hennaa gara Suukootii gayan Geedewoon mootota Miidiyaamii Zaabiheelii fi Silmaanaa uduu ari'an waan dadhabaniiraniif, «Yabo'ootii banii na duukaa deeme kanniiniif waan nyaatan kenna'aafii» isaaniin jedhe. Bulchoonni Suukootii, «Akka nu'u loltoota keetii waan nyaatan kenninu Zaabiheelii fi Silmaanaan amma harka kee jala jiranii?» jedhan. Geedewoonillee, «Yoo Rabbi Zaabiheelii fi Silmaannaa dabarsee harka kiyya jala oolche, ani lafa gammoojji'ii keessatti qore'ee fi qummuuddu'uun nafa keessan tuma!» jedhe. Achiin maayessa gara Phini'eelii deemee namoota Phini'eeliitiinillee akkasuma jedhe; namoonni Phini'eeliillee akkuma namoonni Suukootii jedhaniin isaanillee akkasuma jedhanii deebisaniif. Innillee namoota Phini'eeliitiin, «Yoo nagayaan deebi'e ani kaloo dhaga'aa kana hin jissa!» jedhee isaanitti dubbate. Zaabiheelii fi Silmaanaan loltoota isaanii woliin hulee Qarqaar jedhamtu turan; worri guraadee harkaa qaban namoota kuma dhibba tokkootii fi namoota kuma diddamaatitu dhume. Geedewoonillee gara cinaa worra daasee keessa taa'aniiranii Noobaahii fi Yoogibihaa gara cinaa baya biiftu'uutiin bayee uduma isaan isa hin argine dimmaa loltoota san dhaye. Zaabiheelii fi Silmaanaan garuu hin dheessan; innillee isaan ari'ee mootota lamaanuu loltoota isaanii sodaachise. Ilmi Iyyoo'aasii Geedewoon goodda heeresii irraa hulee lolaatii deebi'ee, worra Suukootii keessaa mucaa tokko qabee gaafate; innillee bulchoota Suukootiitii fi jaarsota torbaatamii torbaa maqaa isaanii barreesseef. Kanaan maayessa Geedewoonillee gara namoota Suukootii dhaqee, «Namoota kee ka beelayanii dadhabanii akka buddeena kenninu Zaabiheelii fi Silmaanaan harka kee jala jiranii? jettanii natti coortan; Zaabiheelii fi Silmaanaan amma kunooti» jedhe. Inni jaarsota qachaa sanii qabee qore'ee fi qummuudduu lafa gammoojji'iitiin namoota Suukootii tume. Kaloo dhaga'aa ka Phini'eelii diigee namoota qachaa saniillee ajjeese. Kanaan maayessa Geedewoon Zaabiheelii fi Silmaana'aan, «Namoonni isin Taabooritti ajjeeftan namoota attamii turan?» isaaniin jedhe. Isaanillee «Namootuma akka keetiiti, sima fakkaatanille'e; bifti isaaniillee akka bifa ijoollee mooti'iiti» jedhanii deebisaniif. Geedewoonillee, «Obboleewwan tiyya ta haati tiyya deette, uduu isin isaan ajjeesuu baattanii dhugaa Rabbii isinitti himaa silaa ani isin hin ajjeesu ture» isaaniin jedhe. Kanaan maayessa inni Yootoorii hangaftichaan, «Ka'ii isaan ajjeesi!» jedheen; mucaan garuu daa'ima waan ta'eef sodaatee guraadee itti hin luqqifanne. Zaabiheelii fi Silmaanaan garuu Geedewooniin, «Hunni namaa akkuma guddinna nafaatiinii ati ka'iitii nu ajjeesi» jedhaniin; Geedewoonillee ka'ee Zaabiheelii fi Silmaanaa ajjeesee mixaabirrii gara garaa ka morma gaalaa irra jiru maraa fudhate. Kanaan maayessa namoonni Israa'elii Geedewooniin, «Waan worra Miidiyaamii jalaa nu baafteef ati, ilmi keetii fi ilmaan ilma keetiillee nu bulchaa'a» isaan jedhan. Geedewoon garuu, «Ani isin hin bulchu, ilmi kiyyallee isin hin bulchu, Rabbitu isin bulcha» isaaniin jedhe. Achiin maayessa Geedewoon worra Ismaa'eliitiin, «Worqii gurra irraa qabdanii fi waan boojitan keessaa worqii gurraa keessan naa kennaa'a» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Fedha keennaan sii kennina» jedhaniin; achiin maayessa uffata ufii mulqatanii lafatti afaanii namni maruu worqii gurraa ka booji'an uffata sanniin irratti guuran. Worqiin gurraa ka Geedewoon fudhate saqilii kuma tokkoo fi dhibba torba ta'e; kunillee faaya kaawwan worqii mormaatii fi uffata diimaa dhiilgee, hamara mootonni worri Miidiyaamii uffatan; kun garuu mixaabirrii gara garaa ka morma gaalaa irra jiru uduu itti hin edaane. Geedewoon waan kanniin uffata faayaa ka gad diratan hojjatee qachattii keessa hulee oofraa jedhamtu kaaye; worri Israa'elii maruu Rabbiin dhiisanii uffata faayaa ka Geedewoon hojjate sanii sagannaan uffanni kun Geedewoonii fi maatii isaatitti siiboo isaan qabu ta'e. Akkaataa kanaan worri Miidiyaamii ijoollee Israa'elii jalatti kufanii ka'uu dadhaban; bara Geedewooniititti worri Israa'elii woggaa afurtamaaf nagaya argatan. Ilmi Iyyoo'aasii Yiruba'aal galee mana ufii taa'e. Geedewoon haawwota manaa heddu waan qabuuf ijoolleen isaa dhalatan torbaatama. Ta inni mata gala itti galu ta Seekeemiin jiraattu ilma deetteef; inni maqaa isaa Abemelek jedhee itti baase. Ilmi Iyyo'aasii Geedewoon akka mishaa jiraatee jaaree du'e; huleen isa itti awwaalanillee qachaa worra Abi'eezirii bakka oofraa jedhamtu hulee abbaan isaa Iyyoo'aas itti awwaalametti awwaalame. Geedewoon haga du'een maayessa ijoolleen Israa'elii Rabbii Waaqa ufii dhiisanii waaqa tolfamaa ba'aaliin waaqeffatu'utti deebi'an, ba'aalbiriitiinillee waaqa godhatan. Ijoolleen Israa'elii Rabbii Waaqa diintota isaanii jalaa isaan oolche hin irraanfatan. Akka inni worra Israa'eliitii waan mishaa mara godhe, isaan garuu maatii Geedewoonii mana Yiruba'aaliitii jasaa hin deebifne. Ilmi Geedewoonii Abemelek gara eessumman ufii gara worra haadhaa Seekeemiin dhaqee, «Banii firoota ufii ka biyya Seekeemii jiraatan sanniiniin akkana jedha'aa gaafadhaa'a jedhee isaanitti hime; ‹Ka ijoolleen Geedewoonii torbaatamni isin bulche woyya mo'o ka namni tokkochi isin bulche woyya? kanniin keessaa kamiin filattan? Abemelek akka fira keessan ka foonii ta'e hin dagatinaa'a.› » jedhee isaanitti dubbate. Eessumman isaa waan kanniin maraa namoota Seekeemii marattuu himan; hennaa tana isaanillee, «Inni obboleessa keenna» jedhanii garaa ufiitiin gara Abemelekii goran. Maatiin Ba'aalbiriitii birrii torbaatamaa kennaniif; innillee birrii saniin saamtota boru hin beenne bitee isaanillee akka isa duukaa deeman godhe. Gara hulee oofraa jedhamtuu gara qe'ee abbaa ufii dhaqee, ijoollee Yiruba'aalii obboleewwan ufii torbaatammanuu dhagaa tokkocha irratti goorra'e; Iyyo'aataam obboleessi isaa ka maandha'aa garuu dhokatee hafe. Achiin maayessa namoonni Seekeemiitii fi namoonni Beetimi'oolii maruu wol gayanii gara muka qilxu'uu ka Seekeemiin keessa jiruu dhaqanii Abemelekiin moosifatan. Haga waan kana Iyyoo'aatamitti himan, inni gaara Gaariizaanii irra dhaabatee laagaa ufii ol fudhatee akkana isaaniin jedhe; «Namoota Seekeemii! akka Rabbi isin dhagawu na dhagayaa'a; hennaa tokko mukkiin mootii uf irratti moosisuu fedhan; achiin maayessa ejersaan nu irratti mooyi jedhaniin. Ejersi garuu, ‹Dhadhaa kiyya ka Rabbii fi namoonni itti gammadan dhiisee mukkiin irratti mooyaa?› isaaniin jedhe. Mukkiinillee muka hurbu'uutiin, ‹Koottuu nu irratti mooyi jedhaniin. Munni hurbu'uu garuu mi'aa kiyyaa fi daraaraa kiyya mishaa dhiisee mukkiin irratti mootii ta'u'uuf deemaa?› isaaniin jedhe. Mukkiin woyini'iitiin, koottuu nu irratti mooyi› jedhaniin. Woyiniinillee, ‹daadhii woyini'ii kiyya ka Rabbii fi namallee gammachiisu dhiisee mukkiin irratti mooyaa?› isaaniin jedhe. Ammallee mukkiin maruu qore'een, ‹koottuu nu irratti mooyi› jedhaniin. Qoreen mukkiiniin, ‹Yoo ka dhuga'aan uf irratti na moosisuu feetanii kootta'aa na jalatti wol gayaa'a jedheen; yoo kana ta'uu baate ibiddi qoree keessaa bayee birbirsa Libaanosii haa fixuu› isaaniin jedhe» jedhee isaanii deebise. Amma maarre Abemelekiin moosisuu keessaniin waan dhuga'aatii fi waan qajeelaa gootan seetan, Geedewoonii fi maatii isaatii waan mishaa barbaachisu waan gootaniif yoo seetan, Abbaan kiyya isiniif jedhee duuleera; worra Miidiyaamii harkaa isin oolchu'uuf jedhee lubbuu ufii kenneera; Isin adha maatii abbaa kiyyaa irratti diinumma'aan kaatanii ijoollee isaanii fixxaniirtan, ajjeeftaniirtan, horii isaanii ka coomellee dhagama tokko irratti qaltan, Abemelek obboleessa keessan waan ta'eef isa ilma garbitti'ii worra Seekeemii irratti moosiftaniirtan. Eeganaa isin Geedewoonii fi maatii isaatii yoo dhuga'aa fi qajeellumma'aan waan mishaa gootan seetan, Abemelekitti gammadaa'a; innillee isinitti haa gammaduu. Yoo kana ta'uu baate garuu ibiddi Abemelekiin keessaa bayee namoota Seekeemiitii fi Beetimiilooniin haa fixuu, namoota Seekeemii Beetimiilooniin keessaallee ibiddi bayee Abemelekiin haa fixuu. Iyyoo'aataan dheessee jalaa baye; obboleessa ufii Abemelekiin sodaatee gara biyya Bi'eerii dhaqee achi taa'e. Abemelek worra Israa'elii irratti woggaa sadihii mooye; Kanaan maayessa Rabbi Abemelekii fi banii seekeemii wodhakka'atti hafuura hamaa erge; namoonni Seekeemii isa irratti ka'anii waan hamaa isa irratti hojjatan. Wonti isaan waan kana godhaniif dhiiga ijoollee Geedewoonii torbaatama ta obboleessi isaanii Abemelek ficcisiisee fi akka isaan fixaniif worra Seekeemii ka isaan jajjabeesse haluu bawu'uuf. Namoonni Seekeemii Abemelekitti sababaa kaasu'uuf gaara irratti lola dhossa'aa lolan, worra imala deemu hin saaman; Abemelekillee waan kana dhagaye. Kanaan maayessa Ga'aal ilmi Abeedii obboleewwan ufii woliin dhufee gara Seekeemii seene; namoonni Seekeemiillee isa hedatan. Maruu gara maasaa ufii dhaqanii woyinii ufii guuratan, daadhii woyini'ii naqanii ayyaanteeffatan; mana woyyuu ka Rabbiin itti waaqeffatan seenanii nyaata'aa dhuga'aa waan Abemelekii balda'aa dubbatan. Ga'aal ilmi Abeedii, «Abemelekiin nu jalatti bullu eennu? Seekeemillee maali'i? Inni ilma Geedewooniitii mii? Zeebuul ka inni muudee mii? Abbaa Seekeemiitii, namoota Eemooriitiillee hin bitaman. Maaf Abemelekii bitamna? baniin kun uduu ka na jalatti bulu ta'ee silaa ani Abemelekiin hin ari'a jedhe; Abemelekiinillee ‹Duula kee yaafadhuu koottu!» jedheen. Zeebuul ka qachattii bulchu jecha Gala'aadii ilma Abeedii haga dhagaye guddisee aare. Akkana jedhee Abemelekitti dhaamsa erge; «Ilmi Abeedii Gala'aalii fi obboleewwan isaa kunoo gara Seekeemii dhufaniiran, worra qachattii keessa jiran sitti kakkaasa'aaran. Kanaafuu atii fi worri si woliin jiran halkaniin ka'a'aatii raasa'atti riphaa'a; boru yoo bariitee aduun baate, qachatti irratti dimmaa balaa guddaa buusaa'a; Gala'aadii fi worri isa woliin jiru hennaa isin woraanu'uuf yaa'an haguma dandeettanitti jabaadha'aa isaan rukuttaa'a» isaaniin jedhe. Abemelekii fi baniin isa woliin jiran martinuu halkaniin ka'anii Seekeemitti dhiyaatanii kallattii arfaniinuu riphanii eegan; ilmi Abeedii Ga'aal bayee balbala qachatti'ii geennaan Abemeleekii fi worri isa woliin jiran hulee itti riphanii ka'an. Ga'aal haga banii arge Zeebuuliin, «Kunoo! qaccee gaaraa irraa baniin gad bu'a!» jedheen. Zeebuulillee, «Gaaddidduu gaaraa ka nama fakkaatu arga'aarta» jedheen. Ga'aalillee, «Laali baniin gaara irraa gad bu'a'aaranii banii cinaa tokkoo karaa qilxuu falaa ka worra asmaa hojjatuu dhufa'aaran» jedhee dubbate. Kanaan maayessa Zeebuul, «Dhaaduun kee sun martuu eessa dhaqe? ‹Nama Abemelek jedhamuuf wonti hojjannuuf maali'i?› jedhee namni gaafate si'ii mii? namoonni balda'aa isaanitti dubbatte kanniin; ka'ii amma isaaniin loli» jedheen. Ga'aal namoota Seekeemii afoo bayee Abemelekiin lole. Abeemelekillee isa ari'e, innillee isa jalaa dheesse; haga balbala qachattii sanii nama baay'e'etu miidhamee kufe. Abemelek Aarumaa keessa jiraate; Zeebuul garuu Ga'aalii fi obboloowwan isaa Seekeemiin keessaa ari'ee isaan baase; achiin maayii isaan achi keessa jiraachuu hin dandeenne. Bariisaa san baniin Seekeemii gara maasaa ufii akka deeman Abemelek dhagaye. Namoota isa hordofan fudhatee garee sadihitti isaan qoodee akka riphanii eegan godhe; worri Seekeemii hennaa qachaa keessaa bayan arge, hulee ufii itti riphanii ka'anii isaan fixan. Abemelekii fi worri garee isaa ta'an dallawa qachatti'ii eegu'uuf jarjaranii yaa'anii balbala qachatti'ii bira dhaabatan; gareen lamaan hafan garuu worra raasaa jiran fixan. Guyyaa san maraa Abemelek worra qachaa sanii maraan wol lole; Abemelek qachattii qabatee worra isii keessa jiran fixe; qachattiillee diigee sooqidda itti facaase. Namoonni kaloo Seekeemii keessa jiran haga waan kana dhagayan, kushee mana Elbiriitiititti dhokatan. Abemelekillee namoonni kaloo Seekeemii keessa jiran akka wol gayan dhagaye. Abemelekii fi baniin isa woliin jiru maruu gara gaara Salmoonii ol bayan; Abemelek qottoo harkatti qabatee damee mukaa muree ceekuu irra kaayatee banii isa woliin jiruun akkuma hennaa waan kana ani godhu argitan kana, isinillee daddafa'aa godhaa'a isaaniin jedhe. Baniin maruu akkuma inni isaaniin jedhe deemanii damee mukaa muranii Abemelekiin faanaa deemanii naannoo kushe'eetitti tuulanii ibiddaan guban. Namoonni Seekeemii guyyaa san dhiirrinii fi dubartoonni namoota kuma tokkootitu dhume. Achiin maayessa Abemelek gara Tebesii dhaqee qachattii marsee qabe. Qachattii keessa dalloofni dhaga'aan dallawame guddaan tokko waan jiruuf namoonni qachattii sanii dhiirrinii fi dubartoonni maruu gara qachattii sanii dheessanii balbala qachattii sanii duubaan cufanii mana manaan gubba'aa irra ol bayan. Abemelek gara gamoo sanii dhiiyaatee lola'aa ture; ibiddaanillee isaan fixu'uuf gara gamo'oo gaye. Intalti takka majjee dhaga'aatiin Abemeleekiin mataa burussite. Innillee daddafee loltuu isa eegu waamatee, «Akka namni dubarti'itu isa ajjeese hin jenne, guraadee kee luqqifadhuu na ajjeesi» jedheen. Ka'imtichi hin woraaneen, innillee hin du'e. Namoonni martinuu gara qe'ee ufii deebi'an. Akka kanaan yakka Abemelek obboloowwan ufii torbaatamman ajjeeseef Rabbi haluu isa baye. Akkasuma Rabbi dhara namoota Seekeemii maraa isaanumatti deebise; Akka kanaan wonti ilmi Geedewoonii Iyyoo'aataam akka isaan irra gawu dubbate isaan irratti raawwatame. Haga Abemelek du'een maayessa nama gosa Yisaakoorii keessaa Tolaan ilmi Foohaa Duudii worra Israa'elii oolchu'uuf ka'ee Saamirii biyya gaaraa ka Efreemii keessa jiraate. Inni worra Israa'elii haga woggaa diddamii sadihii bulchee du'ee Saamiriin keessatti awwaalame. Tola'atti aanee Iyyaa'irii nama gosa Gala'aadiititu mooyee woggaa diddamii lamaaf Israa'eliin bulche. Inni ijoollee dhiiraa soddomaa ta harriin soddomaa yaabbattu qaba; isaan biyya Gala'aadiititti qachoota soddoma qaban; qachoonni kunniin haga adhaa gandoota Iyyaa'irii jedhaman. Iyyaa'ir du'ee Qaamoonitti awwaalame. Ijoolleen Israa'elii ammallee deebi'anii Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatan; waaqolee tolfamaa worra Sooriya'aa ba'aaliimii fi Astaarootiin, waaqa tolfamaa siidoona'aa, waaqa tolfamaa worra Moo'aabii, waaqa tolfamaa ijoollee Amooniitii fi waaqa tolfamaa worra Filisxeemii waaqeffatanii Rabbiin waaqeffachuu dhiisan; Rabbi guddisee worra Israa'eliitiin lolee, worra Filisxeemiitii fi ijoollee Amooniititti dabarsee isaan kenne. Bara san isaan ijoollee Israa'elii guddisanii rakkisanii leelalchan; worra Israa'elii ka laga Yoordaanosiitiin gama jiranii fi worra lafa Gala'aadii biyya worra Amoorotaa keessa jiraatan maraa haga woggaa kudha saddeetii isaan miidhan. Ijoolleen Amoonii gosa Yihuudotaa fi gosa Efreemiitii fi gosa Biiniyaamiitiin lolu'uuf laga Yoordaanosii gama ceeyan; worri Israa'eliillee guddisanii rakkatan. Kanaan maayessa ijoolleen Israa'elii, «Rabbii keenna dhiifnee ba'aaliimiin waaqeffanneerra; sillee guddifnee yakkineerra» jedhanii gara Rabbii iyyan. Rabbi garuu ijoollee Israa'eliitiin akkana jedhe; «Worri biyya Misirii, worri Amoorotaa, ijoolleen Amoonii, worri Filisxeemii, worri Siidoona'aa, worri Amaaleqiitii fi worri Maa'onootaa isin hin rakkifnee? Isin gara kiyya iyyinaan, ani harka isaanii jalaa isin baase. Isin garuu ana dhiiftanii waaqa tolfamaa biraa waaqeffattan; kanaafuu ani isin hin oolchu; deema'aatii waaqolee tolfamaa filattan waamadhaa'a, isaan gaafa isin rakkattan isin haa oolchanii» isaaniin jedhe. Ijoolleen Israa'elii Rabbiin, «Nu'u cubbuu hojjanneerra, Ati waan si gammachiisu nu irratti godhi; garuu yabo'oo adhuma nu oolchi» jedhaniin. Isaan waaqa tolfamaa uf jiddu'uu dhoogganii Rabbiin waaqeffatan, Rabbillee rakkachuu worra Israa'eliititti guddisee gadde. Ijoolleen Amoonii wol gayanii Gala'aaditti quphatan; ijoolleen Israa'eliillee wol gayanii Mitsipha'atti quphatan. Baniinii fi bulchoonni bani'ii, «Nu'u keessaa eentu ijoollee Amooniitiin loluu jalqaba? woliin jedhan; inni namoota Gala'aadii maraa irratti bulchaa ta'a» woliin jedhan. Yooftaaheen nama gosa Gala'aadii nama jabaa dubartii seebartuu takka irraa dhalate; Gala'aad Yooftaahee uumate. Abbaan isaa Gala'aad; haati manaa isaa ta inni dura fuudhe ijoollee dhiiraa deetteef. Ijoolleen tunniin haga guddatte Yoftaahe'een, «Ati nama intala biraa irraa dhalatte waan taateef lafa abbaa keennaa dhaaluu hin dandeettu» jedhanii manaa ari'an. Yooftaaheen obboleewwan ufii woliin baqatee biyya Xoobii keessa jiraate; achitti namoonni womaa womteen hagoon isa hordofan. Hennaa hago'oon maayii ijoolleen Amoonii worra Israa'elii woliin wol loluu jalqaban. Ijoolleen Amoonii worra Israa'elii woliin hennaa wol loluu jalqaban, manguddoonni Yooftaahee biyya Xoobiitii waamu'uuf deeman. Isaan Yooftaahe'een, «Ijoollee Amooniitiin lollaa koottu, ati mootii keenna ta'i» jedhaniin. Yoftaaheen garuu jaarsota Gala'aadiitiin, «Worri na jibbee mana abbaa kiyyaatii na ari'e isinii mitii? amma haga rakkattan maaf gara kiyya dhuftan» isaaniin jedhe. Manguddoonni Gala'aadiillee Yoftaahe'een, «Ati amma nu woliin baatee ijoollee Amooniitiin akka lolluuf gara kee deebinee dhufne namoota Gala'aadii maraa afo'otti ati mootii keenna taata» jedhaniin. Yooftaaheen manguddoota Gala'aadiitiin, «Ijoollee Amooniitiin lolu'uuf yoo gara biyya kiyyaa na deebiftan Rabbi yoo namoota sanniin na jala oolche ani mootii keessan ta'aa?» isaaniin jedhe. Manguddoonni Gala'aadiillee Yooftaahe'een, «Nu'u fi si'i jiddu'utti Rabbi ragaa haa ta'u; dhugamaan akkuma ati jette goona» jedhaniin. Yooftaaheen Manguddoota Gala'aadii woliin deeme; baniinillee uf irratti isa moosise; Yooftaaheen biyya Mitsipha'aatitti dubbii kana maraa Rabbiin afo'otti dubbate. Kanaan maayessa Yooftaaheen gara mootii Amoonii worra dhaamsa geessan ergee, «Ati maal na irraa qabda ka biyya kiyyaan lolu'uuf gara kiyya dhuftu?» jedhe. Mootiin Amooniillee ergamtoota Yooftaahe'eetiin, «Waan Israa'el hennaa biyya Misiriitii bawu biyya Aarnooniin irraa jalqabee haga Yaabooqiitii fi haga laga Yoordaanosii waan fudhataniif; ammallee yoo ta'e lafa kiyya nagayaan naa deebisaa» isaaniin jedhe. Yooftaaheen ammallee gara mootii Amoonii ergamtoota ufii hennaa lammeesso'ootiif akkana jedhee erge. Yooftaaheen, «Worri Israa'elii lafa Moo'aabiitii fi lafa Amoonii hin fudhanne. Garuu Israa'el hennaa biyya Misiriitii bawu, hennaa karaa lafa udume'eetiin gara galaana diima'aa deeman, hennaa Qaadesiin gayan, Israa'el gara mootii Edoomiyaasii, «Lafa kee keessa lufaa yabo'oo na hoffolchi» jedhee dhaamsa erge; mootiin Edoomiyaasii garuu hin dide; akkasuma gara mootii Moo'aabiillee erginaan innillee isaanii maarre hin jenne; kanaafuu worri Israa'elii Qaadesiin keessa jiraatan; Karaa lafa gammoojji'iitiin, lafa Edoomiyaasiitii fi lafa Moo'aabiitiin naannayanii gara cinaa baya biiftu'uutiin lafa Moo'aabiitiin dhufanii lafa Aarnooniin gamaatitti quphatan; Aarnoon daangaa Moo'aabii waan ta'eef isaan daangaa Moo'aabii hin lufne. Kanaan maayessa Israa'el gara Seewoonii mootii Haseboonii gosa Amoorotaatitti yabo'oo lafa kee keessaan gara biyya keennaa nu dabarsi jedhee dhaamsa itti erge. Seewoon worri Israa'elii lafa isaa keessa akka lufaniif isaan hin amanne; inni banii maraa wolitti qabee Yahaatsimitti quphatee worra Israa'eliitiin lole. Rabbi Waandhi Israa'elii Seewoonii fi banii isaa maraa akka worri Israa'elii mooyatu taasise; worri Israa'eliillee isaan dhayan; worri Israa'elii lafa worra gosa Amoorotaa maraa hin dhaalan. Aarnooniin irraa jalqabee haga Yaabooqii, lafa gammoojji'iitii jalqabee haga laga Yoordaanosii lafa worra Amoorotaa maraa hin dhaalan. Rabbi Waandhi Israa'elii worra Amoorotaa banii Israa'elii afo'oo balleesse; atillee lafa dhaaltaa? Lafa Rabbi Waandhi kee Kaamoosh sii kenne qabattee hin teettuu? nullee lafa isaanii Rabbiin keenna isaan irraa ari'ee nuu kenne dhaalla. Ati Baalaaqii ilma Seefoorii mootii Moo'aabii caaltaa? dhugamaan inni worra Israa'eliitiin lolee isaan hin woraannee? Kanaafuu Israa'el hennaa woggaa dhibba sadihii Haseboonii fi qachattii isi'ii keessa, Aroo'eerii fi qachattii isi'ii keessaa fi qachoota naannoo Aarnoonii jiran maraa keessa jiraatan bara san maaf isin isaan hin fudhanne ree? Ani si hin yakkine, ati garuu naan wol loltee na yakkiteerta; Rabbiin murteessu ijoollee Israa'eliitii fi ijoollee Amoonii jiddu'utti adha haa murteessu» jedhe. Garuu mootiin Amoonii dhaamsa Yooftaaheen itti erge woyittuu hin laakkoofne. Hennaa san Hafuurri Rabbii Yooftaahee irratti bu'e; inni bulchiinsa Gala'aadiitii fi bulchiinsa Minaase'ee keessa lufe; Mitsiphaa biyya Gala'aadiillee hin lufe, Mitsiphaa irraallee gara ijoollee Amoonii lufe. Yooftaaheen, «Ati dhugamaan ijoollee Amoonii akka mooyadhu yoo na gargaartee, ijoollee Amoonii harkaa nagayaan deebi'e, wonti hennaa ani balbala kiyya gawu ija keessa na dhufu kamuu ka Rabbii ta'a ciincaa ibiddaan gubamu dhiyeessaaf» jedhee Rabbii woreega gale. Kanaan maayessa Yooftaaheen ijoollee Amooniitiin lolu'uuf baye, Rabbillee akka inni mooyatu taasise. Ero'eeriin irraa jalqabee haga Minitiniitii fi haga Abelkiraamii qachootaa diddamaa du'a bada'aan isaan fixe; ijoolleen Amoonii ijoollee Israa'elii afo'otti guddisanii salphatan. Yooftaaheen gara mana ufii ka Mitsipha'aatitti hennaa deebi'e, mucattiin isaa dibbee qabattee sirba'aa isa reebbachu'uuf baate; inni isii malee dhiiraa fi intala biraa hin qabu. Inni hennaa isii arge, uffata ufii tarsaasee, «Bade mucattii tiyya! onnee tiyya guddiftee gaddisiifte, akka guddisee rakkadhu na goote; ani waan Rabbiif woreega qabeef, woreega qabe san dhiisuu hin danda'u» jedheen. Isiinillee abbaa ufiitiin, «Aabbaa'a! Rabbiif woreega qabdee yoo jiraatte, Rabbi diintota kee worra Amoonotaa waan haluu sii bayeef, waan na irratti raawwachu'uuf Rabbiif woreega qabde san raawwadhu!» jetteen. Garuu abbaa ufii akkana jettee gaafatte; «Ani heerumee waan finna dawuu hin dandeenneef, waan durbummaa kiyyaatiif hiriyyoota kiyya woliin gaara irra naannaya'aa booyaa haga ji'a lamaa na hoffolchi» jetteen. Innillee, deemi jedhee haga ji'a lamaatiif isii hoffolche; isiinillee hiriyyoota ufii woliin gara gaaraa deemtee durbummaa ufiitii bootte. Jiini lamaa haga dhumeen maayessa gara mana abbaa ufii deebite; abbaan isi'iillee akkuma woreega qabe san isii irratti raawwate; isiin durba dhiirti bira hin geenne turte; Hennaa san irraa jalqabee ijoolleen durbaa ta Israa'elii wogga'aan guyyaa afurii mucattii Yooftaahee nama Gala'aadiitii booyu'uu fi gadduun aadaa ta'e. Namoonni Efreemii lolaaf qophaayanii laga Yoordaanosii ceeyanii haga Tsifooniin gayan Yooftaahe'een, «Ijoollee Amooniitiin lolu'uuf hennaa daangaa luftee deemtu nu akka si woliin deemnu maaf nu waamuu didde? mana kee si irratti gubna!» jedhaniin. Yooftaaheen, «Anii fi baniin kiyya ijoollee Amoonii woliin gadoo guddaa qabna, hennaan ani isin waame, isin isaan jalaa na hin oolchine; akka isin na oolcha'aa hin jirre argee lubbuu tiyya irraa bayee gara ijoollee Amoonii ceeye; Rabbillee harka kiyya irratti isaan kuffise; isin garuu adha maaf naan lolu'uuf gara kiyya dhuftan?» isaaniin jedhe. Achiin maayessa Yooftaaheen namoota Gala'aadii wolitti qabee namoota Efreemiititti balaa buusee isaan mooyate; namoonni Efreemii, «Isin worra Gala'aadii ka bulchiinsa Efreemiitii fi Minaase'ee keessa jiraattan ka Efreemiin waakkattanii dhuftan» isaaniin jedhee isaan dhaye. Worri Gala'aadii karaa laga Yoordaanosii ka worri Efreemii ceewuun isaan jalaa qaban; namni Efreemii dheessee dhufee tokko na ceesisaa'a hennaa jedhuun namoonni Gala'aadii, «Ati nama Efreemiitii?» jedhaniin; inni garuu, «Ani nama Efreemiitii miti» jennaan, isaan, «Shibooleet jedhi» jedhaniin; inni garuu kolbatti qajeelchee jechuu waan hin dandeenneef, «Siibooleet» jedhe; yoo san isa qabanii laga Yoordaanosii karaa ceeyaniin biratti goorra'aniin; hennaa san namoota Efreemii keessaa namoota kuma afurtamii lamaa akka kanaan fixan. Namni gosa Gala'aadii Yooftaaheen Israa'eliin haga woggaa jahaa bulcheen maayessa du'ee qachoota Gala'aadii keessaa qachaa tokkotti awwaalame. Isaan maayessa Ibxaanii nama Beetaliheemiititu bulchaa Israa'elii ta'e; inni ijoollee dhiiraa soddomaa fi ijoollee intalaa soddoma qaba; ijoollee intalaa soddomman isaa sanniin nama gosa isaa hin taanetti heerumsiise; ijoollee ufii ta dhiiraatiifillee akkasuma nama gosa biraa isaanitti fuudhe. Ibxaan, Israa'eliin woggaa torbaa bulchee du'ee Beetaliheemitti awwaalame. Isaan maayessa Eeloomii nama gosa Zaabilooniititu Israa'eliin irratti mootii ta'e; inni haga woggaa kudhanii Israa'eliin bulche. Eeloomiin nama gosa Zaabiloonii du'ee lafa biyya Zaabiloonii jirtu ta Eeloomiititti awwaalame. Isaan maayessa Abdoonii ilma Hileelii nama gosa Phiri'aatooniititu Israa'eliin bulche; inni ijoollee afurtamaa fi ilmaan ilmaan isaa soddoma qaba; kunniin maruu namoota harriin torbaatamaa yaabbatan turan; Abdoon Israa'eliin woggaa saddeeti bulche. Kanaan maayessa Abdoon ilmi Hileelii nama gosa Phiri'aatoonii du'ee lafa Amaaleqii ka biyya gaaraa Phiri'aatoonii ta Efreemiin keessa jirtutti awwaalame. Ijoolleen Israa'elii deebi'anii Rabbiin afo'otti hujii hamaa hojjatan. Rabbillee woggaa afurtamaaf akka harka Filisxeemii jala bulan isaan godhe. Bara san gosa Daanii keessaa nama Maanuhee jedhaniin ka qachattii Tsoor'aa tokkotu ture; haati manaa isaa dhabdu'u, ta hin deenne turte; Maleekkaan Rabbii haadha manaa isaatitti mudhatee, «Ati dhabdu'u; finna hin qabdu; garuu hin ulfoofta, ilma dhiiraa deetta; amma ati uf eegi, daadhii woyini'iitii fi waan nama macheessu hin dhugin, waan battiillee hin nyaatin. Ulfooftee ilma dhiiraa deettaa; daa'imni garaa haadhaatii jalqabee nama ayyaantuu Rabbiif fooyame ta'aa; mullaaciinillee mataa isaa hin haadin; inni worra Israa'elii worra Filisxeemii harkaa baasuu jalqabaa» isi'iin jedhe. Kanaan maayessa intaltillee gara abbaa worraa ufii dhuftee, «Nama Rabbii tokkotu gara kiyya dhufe; bifti isaa akka bifa maleekkaa Rabbii guddisee nama sodaachisa; inni eessaa akka dhufe ani isa hin gaafanne, innillee maqaa ufii natti hin himne; inni, ‹Ati hin ulfoofta, ilma dhiiraa deetta, daa'imni garaa haadhaa keessaa jalqabee haga gaafa du'uu, ayyaantuu Rabbiif fooyame waan ta'uuf, daadhii woyini'iitii fi waan nama macheessu hin dhugin, waan battiillee hin nyaatin naan jedhe»› jettee abbaa worraa ufiititti himte. Kanaan maayessa Maanuheen, «Gooftaa kiyya! namni Rabbii ka ati ergite, deebi'ee gara keenna haa dhufuu daa'ima dhalatuuf maal akka goonu nutti haa himuu» jedhee Rabbiin kadhate. Rabbi kadhaa Maanuhe'ee hin dhagaye; maleekkaan Rabbii deebi'ee lammeessoo haadha manaa Maanuhe'eetitti uduu isiin qonna keessa jirtu itti mudhate; abbaan worraa isi'ii Maanuheen garuu hennaa san isii bira hin jiru ture. Haati manaa Maanuhe'ee daddaftee fiiddee abbaa worraa ufii bira dhaxxee, «Namni gaafa duraa natti dhufe sun deebi'ee natti mudhate» jetteen. Maanuheen ka'ee haadha manaa ufii hordofee gara namicha isi'itti mudhatee san dhaqee, «Ati nama dubartii tana woliin dubbatee?» jedheen; innillee, «Ee ana» jedheen. Maanuheen, «Wonti ati jette yoo raawwate, daa'imni yoo dhalate, wonti nu daa'ima kanaa goonu maali'i?» jedhee isa gaafate. Maleekkaan Rabbiillee Maanuhe'een, «Dubartittiin waan ani isi'itti hime maraa irraa uf haa eedduu, Waan woyinii keessaa bawu maraa akka hin nyaanne, daadhii woyini'iitii fi waan nama macheessullee akka hin dhunne; waan battiillee akka hin nyaanne waan ani isii ajaje irraa uf haa eedduu» jedheen. Maanuheen maleekkaa Rabbiitiin, «Haga korbeessa re'e'ee qallee sii qopheessinuu yabo'oo as turi» jedheen. Maleekkaan Rabbiillee Maanuhe'een, «Ati yoma na tursiiftellee nyaata ati naa qopheessitullee hin nyaadhu, ciincaa ciincawu yoo qopheessuu feete, Rabbiif dhiyeessi» jedheen; Maanuheen inni akka maleekkaa Rabbii ta'e hin beenne. Maanuheen maleekkaa Rabbiitiin, «Wonti ati jette kun yoo nuu raawwatame, nu akka si galatoonfachuu dandeennu maqaan kee eennu?» jedheen. Maleekkaan Rabbiillee, «Maqaan kiyya maalalee waan ta'eef maqaa kiyya maaf na gaafatta?» jedheen. Kanaan maayessa Maanuheen korbeessa re'e'eetii fi kennaa midhaanii fuudhee dhagaa irratti Rabbii dhiyeesse; baasa ergamaan Rabbii hojjate Maanuheenii fi haati manaa isaa laala'aa turan. Hennaa arrabni ibiddaa ol bawu maleekkaan Rabbiillee ibidda bobawu san keessaan ol baye; Maanuheenii fi haati manaa isaa dhaabatanii laalanii hennaa inni ol bawu arganii kallachaan lafatti gad kufan. Maleekkaan Rabbii deebi'ee lammeessoo Maanuhe'ee fi haadha manaa isaatitti hin mudhanne; Maanuheen yoo san akka inni maleekkaa Rabbii ta'e beeke. Maanuheen haadha manaa ufiitiin, «Amma waan Rabbiin argineef mamii malee duuna!» jedhe. Haati manaa isaa garuu, «Rabbi uduu nu ajjeesuu fedhee silaa ciincaa ciincawuu fi kennaa midhaanii nu harkaa hin fudhatu, waan kana maraa silaa nutti hin mudhisu, waan akkanaa kanallee silaa nutti hin beessisu» jetteen. Haati manaa Maanuhe'ee ilma deettee maqaa isa Saamsoon jettee itti baafte; daa'imni hin guddate, Rabbillee isa eebbise. Hafuurri Rabbii qachaa Tsoor'a'aa fi Eeshtaa'ol ganda Daanii keessatti isa jajjabeessuu jalqabe. Saamsoon gara Tamina'aa dhaqee Tamina'atti ijoollee worra Filisxeemii keessatti intala takka arge; inni abba'aa fi haadha ufiitiin, «Ani worra Filisxeemii keessatti intala takka argeera isii natti fuudhaa'a» isaaniin jedhe. Abbaanii fi haati isaa, «Worra Filisxeemii ka hin gadoomne keessaa wonti fuudhu'uuf deemtuuf banii kiyya ijoollee obboleewwan teetii ta intalaa keessaa intala dhabdee?» jedhaniin; Saamsoon garuu abbaa ufiitiin, «Ani isii waan guddisee itti naatayeef isii natti fuudhi» jedheen. Saamsoon akka inni waan kana raawwatu ka isa kakkaase Rabbiin akka ta'e abbaan isaatii fi haati isaa hin beenne; hennaa san worri Filisxeemii worra Israa'elii waan bulcha'aa turaniif Rabbi sababaa isaanitti soqa'aa ture. Achiin maayessa Saamsoon abba'aa fi haadha ufii woliin gara Tamina'aa dhaqanii muka woyini'ii ka Taminaa keessa jiru bira gayan; hennaa san Leenci darmiin muka keessaa bayee aada'aa itti dhufee isa bira gaye. Hafuurri Rabbii hunna gudda'aan isa irra bu'ee akka waan ilmoo re'e'ee kukkutuutitti uduma womaa harkatti hin qabanne harkuma ufiitiin leenca kukkute; Saamsoon waan raawwate kana abba'aa fi haadha ufiititti hin himne. Kanaan maayessa dhaqee mucattii woliin dubbate, isiin guddiftee isa gammachiifte; guyyaa hago'oon maayii isii fuudhu'uuf deebi'e. Reeffa leencaa laalu'uuf karaa irraa gore, yoo leenca du'e bira gawu, ka kinniifni itti tuuchee dammeesseeru arge maalalfate; damma san keessaa fudhatee nyaata'aa gara abba'aa fi haadha ufii dhufee isaaniillee kenne; isaanillee hin nyaatan; damma reeffa leencaa keessaa akka fudhate isaanitti hin himne. Hennaa abbaan Saamsoonii gara mana intala Saamsoon kadhatuu dhaqe, Saamsoon affeerraa guddaa qopheesse; worri Filisxeemii hennaa isa argan isa woliin akka jiraatan ka'imman soddomaa filatanii erganiif. Saamsoon, «Hibboo isinitti hibbifadhaa, hibboo kiyya guyyaa ayyaanaa torban keessatti hiittanii yoo naa deebiftan qambisaa soddomaa fi ka isa woliin uffatan soddoma isinii kenna; kana yoo hiikuu dadhabdan garuu qambisaa soddomaa fi ka isa woliin uffatan soddoma naa kennitan» isaaniin jedhe; isaanillee, «Hibboo kee nutti hibbifadhu» jedhaniin. Innillee «Waan nama nyaatu keessaa wonti nyaataa, waan jabaa keessaa wonti mi'aawu baye» isaaniin jedhe; isaan haga guyyaa sadihii hibboo kana hiikuu hin dandeenne. Guyyaa arfeesso'oo haadha manaa Saamsooniitiin, «Abbaan worraa kee hibboo kana akka nutti himu yabo'oo isa sobi, yoo kana hin taane si'ii fi mana abbeetiillee ibiddaan gubna; isin nu miidhu'uuf as nu fiddanii?» jedhaniin. Haati manaa Saamsoonii Saamsooniin afo'otti kuftee booya'aa, «Ati dhugamaan na jibbite sirima na hin jaalattu, ijoollee worra kiyyaatitti hibboo hibbifatte; garuu hiikkaa isaa natti hin himne» jetteen; innillee, «Ani ka abba'aa fi haadha tiyyattuu hin himne sitti himaa?» jedheen. Guyyaa ayyaanaa torbanuu isa afo'otti boottee waan isa rakkifteef guyyaa torbeesso'ootitti isi'itti hime; isiinillee dhaxxee ijoollee worra ufiititti himte. Guyyaa torbeesso'ootitti uduu aduun hin dhiine, namoonni qachaa sanii, «Wonti damma caalaa mi'aawu maali'i? wonti leenca caalaa jaba'aa maali'i? jedhaniin; innillee uduu raada tiyyaan qotachuu baattanii; hiikkaa hibboo kiyyaa hin beettan ture» isaaniin jedhe. Hafuurri Rabbii waan jajjabeenna isaa kenneef gara Asqaloona'aa dhaqee achitti namoota soddomaa fixe; uffata isaaniillee fuudhee worra hibboo isaa hiikanii kenne; waan ta'e kanatti guddisee aaree gara worra ufii deebi'e. Haati manaa isaa garuu nama hennaa inni fuudhu jaala isaa ta'e tokkotti heerumte. Waan kanaan maayessa hennaa qamadii haaman Saamsoon korbeessa re'e'ee qabatee haadha manaa ufii gaafatu'uuf dhaqee, «Gara golaa seenaa» jedhe; abbaan isi'ii garuu akka inni hin seenne dhoogge; Abbaan isi'ii, «Waan ati isii jibbite seeyee namicha jaala keetiititti isii heerumsiise, obboleettiin isi'ii ta maandha'aa isii caalaa hin bareedduu? bikka isi'ii yabo'oo isii fuudhi» jedheen. Saamsoon, «Ani ammaa achi worra Filisxeemii irratti waan hamaa yoo godhe, waan isaaniitiif hin komatamu!» isaaniin jedhe. Saamsoon dhaqee jeedala dhibba sadihii qabee jeedala lama lamaan eegee isaanii wolitti hidhe; eegee isaanii wodhakka'attillee shawaa hidhe. Shawaa san ibidda itti qabsiisee miidhaan worra Filisxeemii ka dhaabatu keessa gad dhiise; ibiddi sun qixiraa isaanii, midhaan isaanii ka dhaabatu, woyinii isaaniitii fi ejersa isaaniillee hin gube. Worri Filisxeemii garuu, «Eentu waan kana godhe?» jedhan; isaan, «Haadha manaa ta Saamsoonii fuudhee jaalticha isaatitti waan heerumsiiseef Saamsoonii soddaa namicha Tamina'aati» jedhan; worri Filisxeemiillee yaa'anii intalatti'ii fi abbaa isi'iillee ibiddaan guban. Saamsoon, «Isinillee yoo akkana gootan ani halu isin baya; achiin maayessa hara baafadha» isaaniin jedhe. Inni yoma san balaa guddaa isaanitti buusee isaan fixee gad bu'ee goda dhagaa Eexaamii jiru keessa taa'e. Worri Filisxeemii yaa'ee biyya Yihuuda'aatitti quphate, lafa Leehi'iitittillee faffaca'anii keessa jiraatan. Worri Yihuuda'aallee, «Wonti isin gara keenna dhuftaniif maali'i?» jedhan; isaanillee, «Saamsooniin hiinee, waan inni nu godhe nullee isa irratti godhu'uuf dhufneerra» jedhan. Namoonni Yihuuda'aa namoonni haga kuma sadihii gara goda dhagaa Eexaamii bu'anii Saamsooniin, «Worri nu bulchu worra Filisxeemii akka ta'e hin beettuu? wonti ati nu irratti goote kun maali'i?» jedhaniin; innillee «Akkuma isaan na godhan anillee isaan godhe» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Nu'u si hiinee worra Filisxeemiititti si kennu'uuf dhufne» jedhaniin; Saamsoonillee, «Isinumti akka na hin ajjeefne naa kakadhaa'a» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Nu'u si hiinee isaanitti si kennina malee si hin ajjeefnu» jedhaniin; haada haarawa lamaan isa hidhanii goda keessaa isa baasan. Hennaa inni gara Leehi'ii dhufe, worri Filisxeemii ililfata'aa isa simatan, Hafuurri Rabbii hunna gudda'aan isa irratti bu'e; haanni ciqilee isaatiin hidhan akkuma jirbii ibiddaan gubatee ta'e; wonti isaan hidhaniinillee harka irraa harca'e. Achiin maayessa lafee boqoo harre'ee haarawa argatee hiixatee fudhatee lafee saniin namoota kuma tokkoo fixe. Saamsoon «lafee boqoo harre'eetiin wol irratti isaan tuule, lafee boqoo harre'eetiin namoota kumaa fixe» jedhe. Kanaan maayessa lafee qabatee ture san darbe; hulee wonti kun itti raawwatame san, «Raamaati leehi» jedhee itti baase. Kanaan maayessa inni guddisee waan dheeboteef, «Mootee guddaa kana ana garbicha keetii kenniteerta ani amma dheebisaan du'aara worra hin gadoomne afo'ottillee kufa'aara» jedhee Rabbiin kadhate. Rabbillee lafa dhooqaa ka Leehiin jiru baneefii isa keessaa bisaan burqinaan dhugee baffate; kanaafuu maqaa hulee sanii «Aayin haaqoree» jedhee itti baase; huleen sun haga adhaa Leehii keessa jirti. Bara worri Filisxeemii biyya ufii bulchan, Saamsoonillee worra Israa'elii haga woggaa diddamaa bulche. Guyyaa tokko Saamsoon gara qachaa Gaaza'aa dhaqe; qachaa sanitti dubartii seebartuu takka argee gara isi'ii seene; namoonni Gaaza'aa akka Saamsoon gara qachatti'ii seene dhagayanii qachattii marsanii halkan guutuu marsanii riphanii «Ganama yoo lafti bariite hin ajjeefna» jedhanii dhokatanii eega'aa bulan. Saamsoon haga halkan wodhakka'aa rafee ka'ee balbala qachatti'ii gamaa fi gamana qabatee loosama balbala cufaniin woliin balbala buqqisee gurmu'utti baatee gaara Keebroonii gubbaa baasee gate. Kanaan maayessa Saamsoon intala takka ta Daliilaa jedhamtu ta dhooqa Sooreeqii keessa jiraattu jaalate. Worri jajjabaan baallii qaban ka worra Filisxeemii isii bira dhaqanii, «Isa sobii, hunni guddaan isa irra jiru kun maal akka ta'e, nullee isa mooyannee akka isa hidhuu dandeennu hunni isaa guddaan maal akka ta'e beeki, yoo san nu marti keennaa nama tokko tokkoon saqilii kuma tokkoo fi dhibba tokko, kuma tokkoo fi dhibba tokko sii kenninaa» isi'iin jedhan. Kanaaf Daliilaan Saamsooniin, «Hunni kee guddaan maal akka ta'e, akka ati yoo hidhamte itti dadhabdu yabo'oo natti himi» jetteen. Saamsoonillee, «Fe'umaa jiidhaa torbaan yoo na hidhan dadhabee akka namoota kaawwanii ta'a» isi'iin jedhe. Kanaan maayessa worri baallii qaban fe'umaa torbaa jiidhaa hin gonne fidaniif isiin fe'umaa saniin isa hiite. Hennaa san gola isi'ii keessatti namoonni dhokataniiran; isiin Saamsooniin, «Saamsoon! worri Filisxeemii sitti dhufan» jetteen; innillee fe'umaa san akkuma hennaa jirbii ibiddi tuqe ta'uutitti kukkute, hunni isaa maal akka ta'e hin beekkamne. Daliilaan Saamsooniin, «Na sobde, wonti ati natti himte soba; wonti ati hidhamtuun maal akka ta'e yabo'oo natti himi» jetteen. Innillee, «Haada haarawa ittiin hin hojjanneen yoo na hidhan, dadhabee akka namoota kaawwanii ta'a» isi'iin jedhe. Daliilaan haada san fuutee isaan hiite; hennaa san gola isi'ii keessa namoota dhokatantu jira; isiin Saamsooniin, «Saamsoon! worri Filisxeemii sitti dhufan» jetteen; inni haada san akkuma jirbi'iititti kukkute. Daliilaan Saamsooniin «Ati haga ammaa na sobde, wonti natti himte maruu soba, wonti ati hidhamtuun maal akka ta'e yabo'oo natti himi» jetteen. Innillee, «Rifeensa mataa kiyyaa kukkubbitee xiribba'aan yoo lafatti gad na dhoofte ani hin dadhaba, akkuma namoota kaawwanii ta'a» jedheen. Achiin maayessa haga Saamsoon rafe Daliilaan rifeensa isaa dhaddoo torbaa margaan wolitti miseensitee xiribba'aan lafaan wolitti hodhitee, «Saamsoon! worri Filisxeemii sitti dhufan!» jetteen; inni hirribaa dammaqee xiribbaa san rifeensa ufiitii fi waan rifeensi isaa itti miseensamellee buqqise. Isiin, «Si jaaladha! maaf naan jetta? garaan kee na woliin hin jiru; ati amma harka sadihi na sobde, hunni kee guddaan maal akka ta'e natti hin himne» jetteen. Guyya guyya'aan dubbi'iin woraana'aa haga inni du'a dharra'utti isa rakkifte; inni, «Hennaa dhaladhe irraa jalqabee ani nama Rabbiif fooyame waan ta'eef mataa na haadanii hin beekan; yoo mataa na haadan, hunni kiyya na irraa deema ani dadhabee akka namoota kaawwanii ta'a» jedhee waan garaa ufii maraa isi'itti hime. Daliilaan akka inni waan garaa ufii mara isi'itti hime haga argite, «Waan garaa ufii maraa waan natti himeef koottaa jettee bulchoota worra Filisxeemiititti ergitee waamte; bulchoonni worra Filisxeemiillee saqilii isi'ii kennu'uuf waadaa galan san qabatanii dhufan. Daliilaan gudeeda ufii irra isa ciibsitee nama tokko ufitti waamtee inni kukkubbaa torban isaa san irraa haade; hunni isaa waan isa irraa deemeef isiin isa salphisuu jalqabde. Achiin maayessa isiin Saamsooniin, «Worri Filisxeemii sitti dhufan» jetteen; innillee hirribaa ka'ee akkuma duraanii godha jedhe; garuu Rabbi akka isa irraa fooyame hin beenne. Worri Filisxeemii isa qabanii ija isaa keessaa baasanii gara qachaa Gaaza'aa isa fidanii haada sibiilaatiin isa hidhan; akkuma hidhame sanitti midhaan daassisiisaniin. Mataa isaa haga isa irraa haadaniin maayessa mataan isaa guddachuu jalqabe. Worri baallii qaban ka worra Filisxeemii, «Waandhi keenna diina keenna Saamsooniin dabarsee nuu kenne» jedha'aa waaqa isaanii daagoonii ciincaa guddaa ciinceessu'uu fi guddisanii gammadu'uuf wol gayan; baniin maruu haga isa argan, «Nama biyya keenna balleesse, namoota baay'ee ka nu keessaa ajjeese diina keenna waandhi keenna nu jala oolche» jedha'aa waaqa ufii galatoonfatan. Isaan guddisanii haga gammadaniin maayessa, «Saamsoon nu afo'otti haa sirbuu isa as waamaa'a» jedhan; Saamsooniin mana isa itti hidhanii waamanii inni isaan afo'otti sirbe; itti balda'aa, utubaa lamaan jidduu isa dhaabsisan. Saamsoon mucaa harka isaa qabee isa masakkuun, «Yabo'oo utubaa mana utubee qabeeru na qabachiisi; ani itti irkadhee dhaabadhaa» jedheen. Mana san keessa dhiiraa fi dubartii baay'e'etu jira ture; worri baallii qaban ka worra Filisxeemiillee achi jiran; Saamsoon hennaa mana manaan gubba'aatitti taphatu namoonni argan dhiiraa fi dubartii haga kuma sadihiiti. Kanaan maayessa Saamsoon, «Rabbii jiraataa'a! waan ija tiyya lamaaniitiif worra Filisxeemii akka haluu bawu yabo'oo na yaadadhu, Waandhana, ani akka waan kana godhu hunna kee naa kennii na jabeessi!» jedhee Rabbiin kadhate. Kanaaf Saamsoon utubaa lamaan mana utubanii qaban hiixatee tokko harka mirgaatiin, tokko garuu harka bita'aatiin qabatee isaanitti dhiyaate. Saamsoon, «Ani worra Filisxeemii woliin du'a!» jedhee gad jedhee utubaa hunna ufii maraan dhiibee, manni worra baallii qaban ka mana keessa jiran maraa fi banii maraa irratti jige; worri inni hennaa ufii du'a'aaru ajjeese, ka hennaa uduu lubbu'uun jiru ajjeese caala. Obboloowwan isaa, maatiin worra abbaa isaa maruu dhaqanii reeffa fudhatanii awwaala Maanuhee abbaa isaa ka Tsoor'a'aa fi Eeshtaa'oliin wodhakkaa jiru biratti awwaalan; Saamsoon worra Israa'elii woggaa diddama bulche. Biyya Efreemii ka gaaraatitti nama Mikkaa jedhamutu ture. Inni haadha ufiitiin, «Horii kee kuma tokkoo fi dhibba tokkoo ka waan namni si jalaa fudhate seetee nama abaarsifte ka dhuftee natti himte sun na bira jira natu fudhate!» isi'iin jedhe; haati isaa, «Ilma kiyya Rabbi si haa eebbisu» jetteen. Horii kuma tokkoo fi dhibba tokkoo san hin deebiseef; isiinillee, «Ani saqilii kana sababaa ilma kiyyaatiif Rabbiif adda baasa, waaqa tolfamaa muka irraa hojjatamee saqili'iin marame ittiin hojjatama; kanaafuu horii kana deebisee simatti kenna» jetteen. Hennaa inni horii san haadha ufiitii deebise, isiin birrii dhibba lamaa fuutee nama sibiila bassutti kennite; innillee yoma san sibiila bassee fakii hojjate; fakii san mana Mikka'aa kaayan. Mikkaan kun mana waaqa ufii itti waaqeffatu qaba; waaqolee tolfamaa baay'ee hojjatee tokko Efuudi'ii fi Taraafiimiin tolchee ijoollee ufii keessaa nama tokko gadicha godhee muude. Bara san worri Israa'elii mootii hin qaban ture; namni maruu woma isatti mishaa fakkaate godha ture. Hennaa san qachaa Beetaliheemii bulchiinsa Yihuuda'aa keessa ka'imticha gosa Leewwi'ii tokkotu ture. Namni kun bakka keessa jiraatu argachu'uuf Beetaliheemii ka'ee deeme; uduu deema'aaru, biyya gaaraa ka Efreemiititti mana Mikka'aa dhufe. Mikkaan, «Eessaa dhufte?» jedheen. Innillee deebisee, «Ani nama gosa Leewwi'ii ka qachaa Beetaliheemii Yihuudaa keessaatitti hulee jiraadhu soqata'aaru» jedheen. Mikkaan, «Na bira taa'i, gadichaa fi abbaa naa ta'i, anillee wogga wogga'aan uffata, dhiyanaa fi saqilii kudhanii sii kennaa» jedheen; namichi gosa Leewwi'iillee hin seene. Namichi gosa Leewwi'ii sun namicha san woliin jiraachuu barbaade, ka'imtichi akkuma ijoollee isaa ta'eef. Mikkaan namicha gosa Leewwi'ii san hin woyyoomse, Ka'imtichillee gadicha ta'eef, wonti kun mana Mikka'aa keessatti ta'e. Mikkaan, «Namni gosa Leewwi'ii waan gadicha naa ta'eef, Rabbi waan mishaa akka naa raawwatu amma beekeera» jedhe. Bara san worri Israa'elii mootii hin qaban ture; haga guyyaa sanii worri gosa Daanii worra Israa'elii keessatti waan lafa hin qabneef lafa keessa jiraatan soqata'aa turan. Kanaafuu worri gosa Daanii gosa ufii keessaa namoota jajjabaa shanii lafa akka gaadanii fi akka qoratan, «Deema'aa lafa gaadaa'a» jedhanii gara Tsoor'a'aatii fi Eeshtaa'olii ergan; namoonni ergaman sunniin biyya gaaraa ka Efreemiititti mana Mikka'aa dhufanii achi bulan. Hennaa isaan mana Mikka'aa bira gayan, laagaa ka'imticha gosa Leewwi'ii beekanii gara isaa dhiyaatanii, «Eentu as si fide? asii maal goota? as maaltu jira?» jedhaniin. Inni «Mindaa naa kaffala'aa, akka gadicha isaa ta'ee bakka isaa hojjadhu Mikka'aan wolii galeera» jedhee isaanii deebise. Isaanillee, «Karaan amma nu deema'aarru kun qajeelaa ta'uu isaa akka beennu yabo'oo Rabbiin nuu gaafadhu» jedhaniin. Innillee, «Deemaa'a karaa deemtanitti rakkoon tokkollee isin irra hin gawu Rabbi isin afoo waan jiruuf nagayaan deemaa'a» isaaniin jedhe. Kanaan maayessa namoonni shanan sunniin achii deemanii gara Leesaamii dhufan; baniin achi keessa jiru akkuma namoota Siidoonii namoota nagayaati; ka isaan bulchuu fi ka isaan rakkisullee hin jiru; worra Siidoonii irraa fagaatanii namoota irraallee fooyamanii hojja ufii jiraata'aa turan. Deebi'anii gara obboleewwan ufii gara Tsoor'a'aatii fi gara Eshtaa'olii dhaqan; obboloowwan isaanii, «Oduu maal qabdan? mee nutti odeessaa'a» isaaniin jedhan. Isaanillee, «Lafti guddiftee michuu akka taate nu waan argineef, ka'aa haa baanuu! isin maaf cadhiftan? deemtanii lafattii dhaaluu lash itti hin jedhinaa'a; hennaa gara biyya sanii dhaxxan, biyya nagayaan jiraatu argitan; lafti badha'a; Rabbi wonti lafa irra jiru maruu akka isin jalaa hin hanqifneef lafattii dabarsee isinii kenneera» jedhan. Kanaaf gosa Daanii keessaa worri meeshaa woraanaa hidhatan namoonni dhibba jahaa Tsoor'a'aa fi Eshtaa'olii ka'anii deemanii, Qiriyaatiyi'aarimii Yihuudaa keessa jirtutti quphatan; kanaafuu maqaan hulee sanii haga adhaa «Mandara Daanii» jedhama; huleen sun Qiriyaatiyi'aarimiin duuba. Achiillee ka'anii biyya gaaraa ka Efreemii bira lufanii haga mana Mikka'aa dhaqan. Namoonni shanii worri lafa Leesaanii gaadu'uuf dhaqan obboloowwan ufiitiin, «Manniin kanniin keessa Eefuud, Taaraafiimii fi fakiin waaqa tolfama'aa ka sibiila bassanii hojjatan akka jiru beettuu? amma waan godhu'uuf taatan woliin mari'adhaa'a» jedhanii isaanitti himan. Karaa irraa goranii gara mana Mikka'aa ka ka'imtichi Leewwi'ii keessa jiraatuu dhufanii nagaya gaafatan. Namoonni gosa Daanii worri meeshaa woraanaa hidhatan dhibbi jahaa balbala bira dhaabata'aa turan. Namoonni shanii worri lafa gaadu'uuf dhaqan bayanii achi keessa seenanii fakii bocame, Eefuudi'ii fi Taaraafiimiin, fakii waaqa tolfama'aa ka sibiila bassanii hojjatanillee fudhatan; gadichillee namoota dhibba jahaa ka meeshaa woraanaa hidhatan woliin balbala dhaabata. Hennaa namoonni mana Mikka'aa seenanii fakii bocame, Eefuudii, Taaraafiimii fi fakii waaqa tolfama'aa ka sibiila bassanii hojjatan fudhatan gadichi, «Maal gootan?» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Cadhisi! afaan qabadhu! nu woliin deemiitii abba'aa fi gadicha nuu ta'i, gadicha nama tokkoo ta'uu woyya mo'o gadicha Israa'elii worra keetiitii fi gosa keetii ta'uu woyya?» jedhaniin. Gadichillee garaa ufii keessatti hin gammade; gadichi Eefuudii, Taaraafiimii fi fakii waaqa tolfama'aa ka bocame fudhatee banii woliin deeme. Isaan daa'imman, hori'ii fi meeshaa ufii qabatanii uf irra gara galanii lixan. Hennaa mana Mikka'aa irraa fagaatan, ollaan Mikka'aa wol gayanii ijoollee Daanii hordofanii bira gayan. Isaan gara ijoollee Daanii iyyan, ijoolleen Daaniillee uf irra gara galanii Mikka'aan, «Maal taatee iyya'aarta?» jedhaniin. Innillee, «Waaqa tolfamaa kiyya, gadichallee qabattanii deema'aartan ani waan biraa maal qaba? isin maal taate? maaf naan jettaan?» jedhe. Ijoolleen Daanii, «Worri guddisanii aaran akka siin hin lolle, lubbuun teetii fi lubbuun worra keetiillee akka hin banne nu jiddu'utti laagaa kee hin dhageessisin» jedhaniin. Ijoolleen Daanii karaa qabatanii deeman; Mikkaan isaan akka isa irra jabaatan argee gara mana ufii deebi'e. Isaan waaqa tolfamaa Mikkaan hojjate, gadicha isaallee qabatanii gara banii nagayaan Leesaaniin taa'uu dhaqanii guraadee qara qabuun isaan dhayan; qachattiillee ibiddaan guban. Qachattiin Siidoonaa irraa waan fagaattuuf, isiinillee biyya irraa waan fagaatteef namni dhaqqabee isii oolchu hin argamne; Leesaan dhooqa Beetiroobii keessa jirti; qachattiillee ijaaranii keessa jiraatan. Maqaa qachattii sanii maqaa abbaa isaanii Israa'elii irraa dhalataniin Daan jedhanii itti baasan; maqaan qachattii sanii ka duraa Leesa'a jedhama. Ijoolleen Daanii fakii bocame san ufii dhaabatan; Yoonaataan ilmi Geersaamii ilma Muuse'ee haga baniin biyya sanii booji'amutti inninii fi ijoolleen isaa gadoota worra Daanii turan. Fakii bocame ka Mikkaan hojjate haga manni Rabbii ka Seeloo jiru achi jiru achuma dhaabsisan. Bara san hennaa worri Israa'elii mootii hin qabne, nama Leewwi'ii ka biyya Efreemii ka gaara gamaa jiraatu tokkotu ture; inni biyya Yihuudaa Beetaliheemii keessaa ta mata gala itti galu takka fuudhe. Ta inni fuudhe sun jalaa seebartee, isa dhiiftee gara mana abbaa ufii gara Yihuudaa Beetaliheemii dhaxxee ji'a afurii achi teette. Abbaan worraa ka isii fuudhellee diqqoo turee gara mana abbaa isi'ii dhaqee isii fudhachu'uuf murteeffate; hennaa achi deemu tajaajilaa ufiitii fi harriin lamaa qabatee deeme; hennaa achi gaye mucattiin isa reebbattee mana seensifte; abbaan mucatti'iillee hennaa isa arge guddisee gammadee isa simate. Akka haga guyyaa sadihii achi bulu godhe; nyaata'aa, dhuga'aa achuma turan. Guyyaa arfeesso'ootitti ganama ka'anii deemu'uuf qophaayan; abbaan mucatti'ii soddaa ufiitiin, «Akka jabaattu, dura midhaan nyaadhu! achiin maayessa hin deemtaa» jedheen. Kanaafuu namoonni lamaanuu taa'anii woliin nyaatanii dhugan; abbaan mucatti'ii namicha gosa Leewwi'ii saniin, «Yabo'oo adhallee gammadii asuma buli» jedheen. Soddaan hin dhooggeen; inni garuu deemu'uuf ka'e; inni isa dhoogginaan achuma bule. Guyyaa shaneesso'ootitti deemu'uuf ganamaan ka'e, abbaan mucatti'ii garuu, «Yabo'oo waa nyaadhu t aduun sii haa qabbanooftuu» jedheen; kanaafuu namoonni lachuu woliin nyaatan. Namichi gosa Leewwi'ii, ta inni mata gala itti galuu fi tajaajilaan isaa deemsaaf hennaa ka'an abbaan mucatti'ii, «Laalaa'a! kunoo amma lafti galgalaaye, lafti waan isinitti halkanaawuuf edana asuma buluu isinii woyya boru ganamaan kaatanii deemtanii» isaaniin jedhe. Namichi Leewwi'ii sun garuu halkan san achi buluu hin barbaanne; kanaafuu achii ka'ee harriin fe'a'aa lamaanii fi ta inni mata gala itti galu woliin deemanii Iyyaabuusii qachaa Yerusaalemiin ladda jirtuu gayan. Hennaa Iyyaabuusiin gayan waan isaanitti halkanaayeef tajaajilaan isaa gooftaa ufiitiin, «Koottaa gara qachatti Iyyaabuusii gorree achi haa bulluu» jedheen. Gooftichi isaallee, «Gara qachaa gosa Israa'elii hin taanee hin gorruu, gara Gibi'a'aa haa lufnuu» jedheen. Inni garbicha ufiitiin, «Qachoota kanniin keessaa gara qachaa takkaa Gibi'aa yookaan Raamaa keessa haa bulluu» jedheen. Karaa qabatanii deemanii qachattii gosa Biiniyaamii bira yoo gayan aduun isaanitti dhiite. Gibi'aa keessa seenanii achi bulu'uuf goran; haga inni qachattii keessa seene namni isa bulchu'uuf isa simate waan hin jirreef qachattii afoo taa'an. Uduma isaan achi taa'a'aaran jaarsi tokko lafa qotata'aa oolee gara galgalaa isaanitti dhufe; namichi kun nama biyya gaaraa ka Efreemiitii keessummummaa dhufee achi taa'a'aaru; namoonni biyya sanii garuu namoota gosa Biiniyaamiiti. Jaarsi sun ol jedhee namicha karaa deemu afoo qachatti'iititti argee, «Eessa dhaqa'aarta? eessaa dhuftelle'e?» jedheen. Namichi gosa Leewwi'iillee akkana jedhee deebiseef, «Nu'u Yihuudaa Beetaliheemii irraa gara biyya gaaraa ka Efreemii lufa'aarra; ani achii dhufe gara Yihuudaa Beetaliheemii dhaqee ture; amma gara mana Rabbii dhaqa nama mana ufii nu bulchu dhabe. Nu'u harriin teennaa okayaa fi buraa qabna, na'aa fi garbittii teetii akkasuma garbicha kiyyaa fi ufiillee buddeenaa fi daadhii woyini'ii qabna; waan nu barbaachisu maraa hin qabna womaa hin dhabne» jedheen. Jaarsichi, «Nageenni siif haa ta'u! waan ati barbaaddu maraa ani sii kennaa ati garuu diida hin bulin» jedheen. Kanaaf mana ufii isaan seensisee harriin isaatiillee okaya buuseefii isaanillee luka dhiqatanii nyaatanii dhugan. Uduma isaan akkanatti gammada'aaran worri adaba hin qabne ka qachaa keessa jiran dhufanii mana isaan keessa jiran san marsanii balbala tuttuma'aa jaarsicha abbaa mana saniitiin, «Nama mana kee seene hin fafeessinaa gad nuu baasi» jedhaniin. Jaarsichi abbaan manaallee isaanitti gad bayee, «Obboloowwan tiyya! yabo'oo waan hamaa akkanaa kana hin godhinaa'a; namni kun waan mana kiyya seeneef cubbuu akkanaa kana isa irratti hin hojjatinaa'a; Mucattiin tiyya ta durbaatii fi ta inni mata gala itti galu kunoo mana jiranii, ani gad isinii baasaa isaan salphisa'aatii waan barbaaddan isaan irratti godhaa'a, garuu nama kana irratti cubbuu akkanaa kana hin godhinaa'a» isaaniin jedhe. Namoonni sunniin garuu waan inni isaaniin jedhe jalaa dhagawuu didan, namichillee ta inni mata gala itti galu gad baaseefii jennaan isaan bira gayanii haga lafti bariituu koro koroo isii irratti seebaranii lafti gagaarrannaan gad isii dhiisan. Intalattiin sun ganamaan gara mana gooftaan isi'ii jiruu dhuftee balbala isaatitti kuftee haga lafti bari'uu achumatti hafte. Bariisaa san abbaan worraa isi'ii deemu'uuf hennaa balbala banatu, isiin akkuma harka ufii gara manaa deebiftee badhifteen ka kufteertu argee, «Ka'i hin deemnaa!» jedheen; isiin garuu waan duuteertuuf isa hin dhageenne; hennaa san reeffa isi'ii harre'etti fe'ee gara hulee dhaqa'aaruu deeme. Haga mana ufiititti gale reeffa ta mata gala itti galee billawa fudhatee hulee lafeen itti wol gawu hulee kudha lamatti kukkutee gara biyya Israa'elii marattuu erge. Achiin maayessa «Worri Israa'elii ka waan kana arge maruu, urga biyya Misiriitii baanee jalqabee wonti akkanaa kun sirima ta'ee hin beeku, wonti akkanaa kun hin argamnelle'e waan kana itti yaadaa'a, mari'adha'alle'e» woliin jedha'aa turan. Ijoolleen Israa'elii worri lafa Gala'aadii gara baya biiftu'uutiin jiran, worri kaabaa fi kibbaa Daaniitii haga Beersaabeehii jiran maruu lolaaf qophaayanii tokko ta'anii Mitsipha'atti Rabbiin afo'otti wol gayan. Bulchoonni bani'ii worri guraade'een lolan, worri meeshaa woraanaa ka lukaatiin lolan maruu baniin haga kuma dhibba afurii banii Rabbii woliin dhaabatan. Hennaa san ijoolleen gosa Biiniyaamii worri Israa'elii akka Mitsipha'atti wol gayan dhagayan; ijoolleen Israa'elii isaaniin, «Wonti hamaan kun attamitti akka raawwatame nutti himaa'a» isaaniin jedhan. Abbaan worraa ka intala duutee namichi gosa Leewwi'ii akkana jedhee isaanii deebise; «Anii fi ta ani mata gala itti gale achi bulu'uuf gara Gibi'aa qachaa biyya Biiniyaamii dhandhe; Namoonni Gibi'a'aa nutti ka'anii mana nu keessa jirru marsan, na ajjeesuullee hin fedhan, ta ani mata gala itti galu guddisanii isi'itti seebarraan duute; Anillee ta ani mata gala itti gale kukkutee wonti hamaan akkanaa kunii fi cubbuun akkanaa kun Israa'eliin irratti waan hojjatameef gara biyya Israa'elii marattuu erge. Kunoo worra Israa'elii isin maruu gorsaa fi gadda keessanillee kanaan ibsaa'a» Baniin maruu akka nama tokkootitti ka'anii, «Nu keessaa namni tokkollee gara daase'ee hin deebi'u, gara mana ufiillee hin deemu; Wonti nu goonu hixaa buufnee namoota Gibi'aa irratti balaa buusu filanna. Wonta hamaan Israa'eliin irratti raawwatame Gibi'aa bulchiinsa Biiniyaamii keessa jirtu irrattillee raawwachu'uuf bawu'uuf duultota duulanii fi worra dhalee isaanii fidu gosa Israa'elii keessaa namoota dhibba tokkoo keessaa namoota kudhanii, namoota kuma tokkoo keessaa namoota dhibba tokko, namoota kuma kudhanii keessaa garuu namoota kuma tokkoo fuuna» jedhan. Kanaaf namoonni Israa'elii maruu akkuma nama tokkootitti qachattii sanitti duulu'uuf wol gayan. Ijoolleen Biiniyaamii ijoollee Israa'elii woliin wol lolu'uuf qachaa maraa keessaa Gibi'atti wol gayan. Laakkobsi ijoollee Biiniyaamii worri gaafa san lolaaf yaa'an namoota Gibi'a'aatiin ala worri guraade'een lolan callaan namoota haga kuma diddamii jahaati; namoonni Gibi'a'aa worri laakkayaman namoota dhibba torba. Banii sanniin maraa keessaa namoonni harka bitaachaatiin lolan namoota dhibba torba; namoonni kunniin yoo dhaga'aan darbatan waan haga rifeensa mata'aatuu darbatanii hin dhaban. Namoota Biiniyaamiitiin ala namoonni Israa'elii worri guraade'een lolan worri laakkayaman namoota kuma dhibba afuriiti; namoonni kunniin maruu worra duulaati. Ijoolleen Israa'elii ka'anii gara Beeteelii yaa'anii, «Ijoollee Biiniyaamiitiin lolu'uuf eentu nu afoo haa bawu? jedhanii Rabbiin gaafatan; Rabbillee, «Yihuudaan isin haa firrisuu» jedhe. Ijoolleen Israa'elii ganamaan ka'anii Gibi'aa afo'otti quphatan. Ijoolleen Israa'elii worra Biiniyaamii woliin wol lolu'uuf yaa'anii Gibi'aa birati hiriiranii dhaabatan. Guyyaa san ijoolleen Biiniyaamii Gibi'a'aa yaanaan worri Israa'elii namoota kuma diddamii lamaa fixan. Baniin ijoollee Israa'elii jabaatanii hulema gaafa duraa itti hiriiran sanitti deebi'anii duulan. Ijoolleen Israa'elii yaa'anii Rabbiin afo'otti haga galgalaa booyan. «Nu'u obboleewwan keenna keessaa ijoollee Biiniyaamiitiin wol lolu'uuf lammeessoo hin duullaa?» jedhanii Rabbiin gaafatan; Rabbillee, «Isaaniin lolu'uuf bayaa'a» isaaniin jedhe. Guyyaa lammeesso'oollee ijoolleen Israa'elii ijoollee Biiniyaamiitiin lolu'uuf dhufan. Guyyaa lammeesso'oollee worri Biiniyaamii Gibi'a'atti ijoollee Israa'eliitiin lolu'uuf yaa'anii ijoolleen Israa'elii namoota kuma kudha saddeetii jalaa fixan; namoonni du'an kunniin worra guraade'een lolu. Baniin ijoollee Israa'elii maruu dhufanii Beeteelitti wol gayanii booya'aa Rabbiin afoo taa'an; guyyaa san haga galgalaa soomanii ciincaa ciincawuu fi kennaa fayyumma'aa Rabbii dhiyeessan. Kanaafuu worri Israa'elii duultota hagoo naannaya Gibi'a'aatitti hafanii akka riphan godhan. Guyyaa sadeesso'oo ijoolleen Israa'elii yaa'anii Gibi'aa afo'otti akkuma duraanii duulan. Ijoolleen worra Biiniyaamii qachaa keessaa yaa'anii akkuma duraanii karaa babadhaa tokko karaa Beeteelii, ka lammeesso'oo garuu karaa Gibi'aa fidu irratti bani'itti ka'anii dhayanii isaan ajjeesuu jalqaban; worra Israa'elii keessaa haga namoota soddomaa ajjeesan. Ijoolleen Biiniyaamii, «Worri Israa'elii akkuma duraanii nu harkatti dhayaman» jedhan; ijoolleen Israa'elii garuu, «Dheessinee qachaa keessaa haa yaanuu» jedhan. Ijoolleen Israa'elii hulee duraatii ka'anii Ba'aaltaamaaritti duulan. Worri Israa'eliillee ka dura Gibi'a'atti dhokatanillee gara raasa'aa yaa'an. Worra Israa'elii keessaa namoonni kuma kudhanii ka akkaataa adda ta'een filataman Gibi'aa irratti balaa guddaa buusan; lolli jabaata'aa deeme, worri Biiniyaamii wonti kun marti yoo ta'u, hennaa dhiyoo keessa akka rakkoon isaan irra gawu hin beenne. Rabbi worra Biiniyaamii isaan afo'oo dhaye, guyyaa san ijoolleen Israa'elii worra Biiniyaamii keessaa namoota kuma diddamii shaniitii fi namoota dhibba tokkoo fixan; worri du'u kunniin namoota guraade'een lolu turan. Hennaa san worri Biiniyaamii akka mooyaman hubatan; wonti kun ta'eef worri Israa'elii duultota ufii ka dhoffatan hedatanii waan gara duubaa deebi'aniif. Duulli riphee ture sun dhufanii namoota qachaa keessa jiran maraa guraade'een ajjeesan. Worri dhokatanii turan qachaa keessatti duumessa akka aaraa haa kaasani'iif worra duulaa ka worra Israa'elii woliin malkata wolii galte'ee godhatan. Akkaataa malkata saniitiin worri duulaa ka worra Israa'elii hujii deebi'anii lolu'uu argisiisan; worri Biiniyaamii haga ammaa worra Israa'elii namoota soddomaa waan ajjeesaniif, «Akkuma duraan isaan findhe, ammallee akkasuma isaan goone» jedha'aa dhaadatan. Hennaa malkanni utubaa aaraatiin qacha'aa bawuu jalqabe, worri gosa Biiniyaamii yoo uf duuba gara galanii laalan, ibiddi qachatti'itti qabatee, arrabni ibiddaa hennaa qachattii keessaa ol bawu argan. Worri Israa'eliillee uf irra gara galanii hennaa laalan, worra Biiniyaamii akka wonti hamaan isaan irra gaye arganii nayan. Worri Biiniyaamii uf irra gara galanii worra Israa'elii jalaa dheessanii gara lafa gammoojji'ii yaa'an; duulli hordofee isaan dhaqqabe, worra qachaa keessaa yaa'an uf jiddu'utti ajjeesan. Worra Biiniyaamii marsanii haga Gibi'aa kolba baya biiftu'uutiin jiruutitti isaan ari'anii isaan fixan. Guyyaa san isaan worra Biiniyaamii namoota kuma kudha saddeetii fixan; namoonni dhuman kunniin namoota jajjaba'a. Worri isaan irraa hafan deebi'anii gara dhagaa lafa gammoojji'ii gara dhagaa Reemoonii baqatan; isaan keessaa namoota kuma shanii kara'atti fixan; gara Gidi'aamiillee isaan ari'anii namoota kuma lamaa ajjeesan. Guyyaa san duultonni worra Biiniyaamii worri dhuman, worri guraade'een lolan, namoota kuma diddamii shaniiti; namoonni kunniin namoota jajjaba'a; Namoonni dhibba jahaa deebi'anii gara lafa gammoojjii dhagaa Reemoonii baqatanii ji'a afurii achi taa'an. Worri Israa'elii ammallee worra Biiniiyaamiititti deebi'anii qachaa maraa, hori'ii fi waan qachaa san keessa jiru maraa guraadee qara qabuun fixan; qachaa argan maraa ibiddaan guban. Namoonni Israa'elii, «Nu keessaa eennullee durba ufii worra gosa Biiniyaamiititti akka hin heerumsiifne» jedhanii Mitsipha'atti wolii kakatan. Baniin maruu gara Beeteelii dhaqanii achitti haga galgalaa Rabbiin afoo taa'anii laagaa ufii ol qabatanii booya guddaa booyan. «Yabo'oo Waaqa Israa'elii, gofti tokko Israa'eliin keessaa dhabamuun kun maali'i?» jedhan. Haga bariite baniin ganamaan ka'anii achitti waan ciincaa irratti dhiyeessan hojjatanii kennaa fayyumma'aaf ciincawu dhiyeessan. Ijoolleen Israa'elii, «Namni gara Mitsipha'aa hin baane haa du'uu» jedhanii waan guddisanii wolii kakataniif, «Gosa Israa'elii maraa keessaa namni gara gumii Rabbii Waaqa afoo hin baane eennu?» jedhan. Ijoolleen Israa'elii waan obboleewwan ufii waan worra Biiniyaamiitiif guddisanii gaabbanii, «Nu adha worra keenna ka Israa'elii keessaa gosa tokko dhabneerra, nu akka ijoollee teenna ta durbaa isaanitti hin heerumsiifne waan kakanneerruuf worri hafan haadha manaa akka argatan maal haa goonu?» woliin jedhan. Isaan, «Gosa Israa'elii keessaa gara Rabbii gara Mitsipha'aa ka hin baane eennu? jedhan; hennaa san Iyyaabisii Gala'aadii keessaa namni tokkollee gara gumii Rabbii hin baane ture. Hennaa banii tooyatan, namni Iyyaabisii Gala'aadii keessa jiraatu achitti hin argamne. Baniin achitti wol gaye, «Namoota duulu jajjabaa, namoota Iyyaabisii Gala'aadii keessaa, dubaraa fi daa'immanillee guraade'een fixaa'a» jedhanii namoota kuma kudha lamaa ergan. Wonti isin gootan, dhiira maraa, durba dhiirti bira geette maraa sirima balleessaa'a jedhanii isaan ajajan. Durba babbareeddan dhiira bira hin geenne dhibba afurii worra Iyyaabisii Gala'aadii keessa jiraatu keessatti arganii gara Seeloo biyya Kana'aanii jirtuu gara qe'ee ufii isaan fidan. Achiin maayessa baniin maruu gara banii hulee dhagaa Riimoonii bira jiraatuu gara worra Biiniyaamii akka lolli dhaabatuuf dhaamsa isaanitti ergan. Hennaa san worri gosa Biiniyaamii deebi'anii dhufan; worri Israa'elii durba Iyyaabisii Gala'aadiititti du'a irraa hambisan isaanitti fuudhan; garuu durbi sunniin laakkobsaan hagoo waan ta'aniif wol isaan hin geenne. Rabbi tokkummaan gosa Israa'elii akka addaan citu waan godheef, baniin maruu waan Biiniyaamiitiif guddisanii gaddan. Jaarsonni gumi'ii, «Worra Biiniyaamii keessaa dubartoonni waan dhabamaniif namoonni hafan akka haadha manaa argatan nu maal haa goonu?» jedhan. Gosa Israa'elii keessaa gofti tokkollee akka hin banne, worri gosa Biiniyaamii worra isaan dhaalu qabaatuu barbaachisa. Worri Israa'elii, «Namni ijoollee Biiniyaamiititti ijoollee durbaa mucattii ufii heerumsiise haa abaaramu» jedhanii waan kakataniif, «Nu'u ijoollee teenna isaanitti hin heerumsiifnu» jedhan. Kanaan maayessa, «Ayyaanni wogga wogga'aan Seelo'otti Rabbii qophaayu hin jira» jedhanii yaadan; Seeloon Beeteeliin irraa gara kaabaa, Laabonaa irraa gara kibbaa, karaa gara baya biiftu'uutiin Beeteelii fi Seekeemiin jiddu'utitti argamti. Kanaafuu worra Biiniyaamii akkana jedhanii ajajan, «Deema'aatii muka woyini'ii keessatti dhokadhaa'a, Dubartoonni Seelo'oo guyyaa ayyaanaatiin dibbee qabatanii sirbu'uuf yoo dhufan, isinillee muka woyini'ii keessaa baya'aatii dubartoota yaa'an sanniin keessaa tokko tokko buta'aatii haadha manaa taasifadha'aatii gara bulchiinsa biyya Biiniyaamii fidaa'a. Abboonni isaaniitii fi obboleewwan isaanii isiniin lolu'uuf yoo isinitti dhufan, «Nu isaan hunnaan waan hin fudhanneef yabo'oo nuu dhiisaa'a; garuu nu'u fedhaan waan isin irraa isaan hin fuuneef yakka jalaa hin baatan jechuu dandeettan» Ijoolleen Biiniyaamii akkuma isaan jedhan godhan, haga laakkobsa isaaniitiin durba sirbu'uuf yaate butanii haadha manaa taasifatanii gara lafa ufii deebi'anii qachoota ijaaratanii keessa jiraatan. Hennaa san ijoolleen Israa'eliillee achii ka'anii gara gosaa fi worra ufii deeman; namni maruu hulee san dhiisee gara lafa ufii deebi'e. Bara san worri Israa'elii mootii hin qaban ture; namni maruu woma isatti mishaa fakkaate godha ture. Bara abboonni murti'ii Israa'eliin bulchan biyya irratti beelli ture. Sababaa kanaan biyya Yihuuda'aa Beeteliheemiin keessaa namni tokko haadha manaa ufiitii fi ijoollee dhiiraa lamaan ufii woliin taa'u'uuf gara biyya Moo'aabii deeme. Maqaan namichaa Abemelek, maqaan haadha manaa isaa Nuhaamiin, maqaan ijoollee isaa lamaanii Mahaloonii fi Kelewoon jedhaman ture. Inni dhalootaan nama Efraata'aa ta'e qachaa Beeteliheemii keessa jiraata ture, maatii ufii woliin gara biyya Moo'aabii dhaqee achi jiraate. Abbaan manaa ka Nuhaamiinii Abemelek hin du'e; isiin ijoollee ufii lamaan woliin hojja hafte. Ijoolleen isi'ii durba Moo'aaboota keessaa Oorfa'aa fi Ruutiin fuudhanii biyya san keessa haga woggaa kudhanii jiraatan. Mahaloonii fi Kelewoon lachuu hin du'an; Nuhaamiin abbaa manaa ufiitii fi ijoollee ufii lamaan haga ajjeefatte hojja hafte. Nuhaamiin uduu biyya Moo'aabii keessa jirtu, akka Rabbi banii Israa'eliitii araara godhee fi akka midhaan isaanii kenne haga dhageette, intallan ilmaan ufii lamaan woliin biyya Moo'aabiitii gara biyya Israa'elii deebi'uuf kaate. Hulee jiraata'aa turte san dhiiftee uduu gara biyya Yihuuda'aa woliin deeman, Nuhaamiin, intallan ilmaan ufiitiin akkana jette; «Deemaa'a, gara mana haawwota teessaniititti deebi'aa'a; akkuma isin anaa fi ijoollee tiyya ta du'aniif waan mishaa gootan, akkasuma Rabbi waan mishaa isinii haa godhu. Mana abbaa manaa keessan ka biraatitti Rabbi hara isin haa baafachiisu» jettee isaan dhungattee isaan biraa deemu'uuf taanaan isaan ammo laagaa ufii ol qabatanii booyan, Achiin maayessa isaan «Hin ta'u! sima woliin gara banii keetii deemna» jedhaniin. Nuhaamiin akkana isaaniin jette, «Ijoollee tiyya! yabo'oo deebi'aa'a; na woliin wonti deemuu barbaaddaniif maali'i? ammaa achillee ani ijoollee abbaa worraa isinii ta'an; waan dawuu danda'u isinitti fakkaataa? Ijoollee tiyya na biraa deebi'aa'a; akka hin heerumne jaareera; ani uduu abdii heerumee dawu'uu qabaadhee, edanuma heerumee uduu ijoollee dayeeyyuu, haga isaan guddataniif ima eeddanii? uduu hin heerumne isaan eegu'uuf teettanii? ijoollee tiyya wonti kun waan hin taane; ana Rabbi naan lole; waan isin irra gayeefillee baay'ee mararameera» isaaniin jette. Ammallee deebi'anii laagaa ol qabanii booyan; Oorfaan soddaatii ufii dhungattee biraa lixxe; Ruuti ammo soddaatii ufiitiin ani si irraa hin fooyamu jettee itti maramte. Kanaafuu Nuhaamiin Ruutiin «Intalti obboleessa abbaa manaa keetii gara banii ufiitii fi gara waaqolee ufii deebiteertii atillee isii woliin deebi'i» isi'iin jette. Ruuti ammo akkana isi'iin jette; «Giddi'iin uf biraa na hin deemsisin; gara ati deemtu maraa si woliin deema; hulee ati jiraattu si woliin taa'a; baniin kee banii kiyya, Waandhi kee Waaqa kiyya ta'a. Hulee ati duututti du'a, hulee ati itti awwaalamtuttillee hin awwaalama, du'aa achitti wonti si irraa na fooyu yoo jiraate Rabbi waan hamaa natti haa fidu!» jette. Nuhaamiin akka Ruuti isii woliin deemu'uuf kutatte haga argite, deebitee womaa isi'itti hin dubbanne. Achii isaan lamaanuu gara Beeteliheemii deeman; haga qachaa Beeteliheemii gayan, namoonni achi keessa jiran maruu haga isaan argan maalalfatanii «Tun Nuhaamiinii?» jedha'aa wocan. Isiin ammo «Waandhi maraa danda'u jireenna kiyya waan hadheesseef, ‹Maaraa › naan jedhaa malee ‹Nuhaamiin› jettanii na hin waaminaa'a; Hennaa biyya kanaa bayu waan baay'ee qaba; amma ammo Rabbi duwwaa na deebise; Rabbiin maraa danda'u na salphisee waan na rakkiseef ‹Nuhaamiin› maaf naan jettan?» isaaniin jette. Akka kanaan Nuhaamiin intala ilma ufii Ruutiin woliin biyya Moo'aabiitii deebi'an; hennaan isaan deebi'an sun hennaa garbuun haamamuu jalqabe. Nuhaamiin nama dureessa beekkamaa Boo'eez jedhamu ka fira abbaa manaa isi'ii Abemelekii qabdi. Gaaf tokko intalti biyya Moo'aabii Ruuti, Nuhaamiin «Maasaa nama ani afoo isaatitti gaachena argadhuu dhaqee qaarmaa guuraa» jetteen. Nuhaamiinillee «Mucattii tiyya! deemi!» jetteen. Ruuti gara maasa'aa deemtee midhaan worra haamu harkaa harca'u uduu guurtu akka tasaa maasaa namicha dureessa beekkamaa Boo'eezii fira Abemelekii akka ta'e hubatte. Hennaa diqqo'oon maayii Boo'eez Beeteliheemii gara maasa'aa dhufee worra haamaniin «Nagaa ooltanii Rabbi isin woliin haa ta'u!» isaaniin jedhe. Isaanillee «Rabbi sillee haa eebbisu!» jedhanii deebisaniif. Boo'eez ajajaa worra midhaan haamuutiin «Intalti dargaggeettiin tun ta eennuuti?» jedhe. Ajajaan worra midhaan haamuullee akkana jedhee deebiseef «Isiin dargaggeettiin tun Nuhaamiiniin woliin ta biyya Moo'aabiitii dhufte ta gosa Moo'aabiiti. Isiin worra haamu faanaa deema'aa harca'aa qixira'aa jiddu'uu qaarmaa guuru'uuf na gaafatte ganama irraa jalqabdee haga ammaa qaarmaa guura'aa turte; hennama diqqo'oofillee manatti galtee hara hin baafanne» jedheen. Boo'eez Ruutiin akkana jedhe «Mucattii tiyya! na dhageettaa? hojjattoota tiyya ta intalaa ta as jiran tanniin faanaa deema'aa guuri malee gara maasaa biraa hin deemin. Hulee isaan dhaqanii haaman eega'aa isaan laala'aa isaan woliin taa'i; hojjattoonni kiyya ka dhiiraa akka si hin rakkifne isaan seereeraa; yoo dheebotte hulee isaan otte'een woraabanii kaayanii fudhata'aa dhugi» isi'iin jedhe. Isiin kallachaan gad kuftee sagaddeefii «Ani nyaapha ta'ee akka waan kiyya yaaddu attamitti afoo keetitti gaachena argadhe?» jetteen. Boo'eezillee akkana jedhee deebiseef «Haga abbaan manaa kee du'e irraa jalqabee waan mishaa soddaatii teetii goote maraa; akkasuma abbaa keetii fi haadha tee, biyya itti dhalattellee dhiiftee banii asiin dura hin beenne jidduu seentee jiraachu'uuf akka dhufte dhagayeera. Rabbi waan mishaa gooteef gatii kee sii haa kennu! Rabbi Waandhi Israa'elii ka ati na eega jettee abdatte gatii kee guddisee sii haa kennu!» jedheen. Ruutillee «Gooftaa kiyya! uduu akka hojjattoota keetii keessaa akka takkatti'iititti woma tokkoo sii hin goone, ana tajaajiltuu tee dubbii misha'aan na jajjabeessiteerta gaachenni si biratti argadhe kun akka adda hin cinne si kadhadha» jetteen. Hennaa laaqanaa Boo'eez Ruutiin «Dhiyana itto'oon tuqata'aa nyaadhu» isi'iin jedhe. Isiinillee worra midhaan haamu woliin teette. Boo'eezillee asheeta woddame isi'ii kenne; isiinillee haga quuftutti nyaattee hambaa hambifte. Achii qaarmaa guuru'uuf hennaa kaatu Boo'eez ka'immaniin, «Waan qixiraa keessa jiru haa guurattuu isii hin dhoogginaa'a; qixiraa irraallee hambisa'aa kenna'aaf haa guurattuu hin tooyatina'aan» isaaniin jedhe. Maasaa keessaa haga galgalaa qaarmaa guurte; qaarmaa garbu'uu ka guurtellee tumtee haga kooboo sadihii ta'e. Achiin maayii midhaan baadhattee gara qacha'aa deebitee waan guurte soddaatii ufiititti mudhifte; nyaata hamba'aa ka laaqana irraa hafe isi'ii kennite. Soddaatiin isi'ii «Adha eessaa qaarmaa guurte? eessa hojjattelle'e? nama akka mishaa si simate kana Rabbi isa haa eebbisu!» jetteen. Ruuti «Maasaan ani qaarmaa keessaa guura'aa oole ka namicha Boo'eez jedhamuuti» jettee Nuhaamiinitti himte. Nuhaamiinillee intala ilma ufiitiin «Waandhi worra jiranii fi worra du'aniif abdii kenne isa haa eebbisu!» namni sun fira keenna ka fooniiti; sirima nama jireenna keennaaf yaadu keessaa tokko» jette. Ruutiin worra Moo'aabii ammo deebiftee «Haga isaan haamaa fixaniif worra midhaan haaman biraa hin hafin naan jedhe» isi'iin jette. Nuhaamiin Ruutiin «Mucattii tiyya! dhuga'a; intallan maasaa Boo'eezii keessaa qaarmaa guuran woliin uduu guurtee sii woyya gara maasaa nama biraa yoo deemte namoonni gugurdaan si miidhan» isi'iin jette. Kanaaf Ruuti haga midhaan haamaa garbu'uutii fi qamadi'ii galutti hojjattoota dubartootaa ka Boo'eezii woliin qaarmaa guurata'aa turte; soddaatii ufiitiinillee uduu adda hin baane woliin jiraatan. Soddaatiin Ruutii Nuhaamiin Ruutiin «Mucattii tiyya! akka wonti mishaan sii ta'u jireenna mishaallee akka jiraattu mana hara itti baafattu sii soquu? Namichi Boo'eez jedhamu ka hennaa ati qaarmaa guurtu dubartoota si woliin jiran tajaajila'aanii turan fira keenna ka fooniitii mitii? inni adha galgala garbuu ayiidata. Kanaafuu dhiqadhuu, dibadhuu, uffatallee uffadhuu gara oobdi'ii dhaqi; garuu haga inni waa nyaatee dhugee ka'utti isatti hin mudhatin. Haga inni rafeen maayii lafa inni rafeeru laaliitii luka isaa jalaan uffata ol qabii luka isaa bira ciisi; maal akka gootu inninuu sitti himaa» jetteen. Ruutillee «Waan ati naan jettu maraa hin godha» isi'iin jette. Gara oobdi'ii dhaxxee akkuma soddaatiin isii ajajje maraa goote. Boo'eez haga nyaatee dhugee nafa ufii gammachiiseen maayessa tuulaa midhaanii bira ciisu'uuf deeme; Ruuti suutaan dhuftee uffata ol qabdee luka isaa bira ciifte. Halkan wodhakkaa hennaa ta'e hirribaa dammaqee yoo uf irra garagalu dimmaa intala luka isaa jala ciifteertu argee naye. «Ati eennu?» jedhee isii gaafate; isiinillee, «Gooftaa kiyya ana tajaajiltuu tee Ruut; ati nama na dhaalu waan taateef uffata narra dhayi» jetteen. Boo'eezillee akkana isi'iin jedhe, «Mucattii tiyya! Rabbi si haa eebbisu; uduu barbaaddee dureessa yookaan hiyyeessa jettee dargaggeessa filattee faanaa deemuu hin dandeetta turte, ka duraa caalaa dhuma irratti waan mishaa gooteerta; amma mucattii tiyya hin sodaatin akka ati intala adaba qabdu taate baniin biyya kiyya keessa jiru maruu waan beekaniif waan ati naan jettu maraa hin godha. Ani fira foonii ta'uun kiyya dhugama; garuu namni na caalaa fira foonii ta'e hin jira. Haga lafti bariituuf as turi; yoo lafti bariite namni sun akka si bulchuuf akka si hin bulchine hin gaafadha inni yoo ka si bulchu ta'e misha'a; yoo dide ammo maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakadhaa ani si bulcha hagasiif asuma rafi» jedheen. Ruut haga lafti bariituuf luka isaa jala rafte; garuu inni akka dubartiin gara oobdii kanaa dhufte akka namni hin beenne waan barbaadee tureef dimimmisa sa'aatii namni wol hin arginetti biraa kaate. Boo'eez «Kutaa irraan uffatte kana badhisii qabi» isi'iin jedhe; isiinillee badhiftee qabnaan garbuu bikkituu jahaa safaree itti baachise. Achiin maayessa gara qacha'aa deeme. Isiin gara soddaati'ii dhaxxe; soddaatiin «Mucattii tiyya! wonti sun attam sii ta'e?» isi'iin jette; isiinillee waan namichi godheef maraa itti himte. «Gara soddaatii teetii qullaa hin galin» jedhee garbuu bikkituu jahaa kana naa kenne jetteen. Nuhaamiin «Mucattii tiyya! namichi haga waan kana fixuuf waan hara hin baafanneef haga wonti kun raawwatuuf cadhis» isi'iin jette. Boo'eez gara baadaa qachatti'ii bayee taa'e. Namichi fira dhiyo'oo ka Abemelekii ka Boo'eez tanaan dura waan isaa dubbate ka bira lufa'aaru waamee, «Koottuu na bira taa'i» jedheen; innillee dhufee isa bira taa'e. Achiin maayessa Boo'eez jaarsota qachatti'ii keessaa namoota kudhanii waamee «As taa'aa'a» isaaniin jedhe; isaanillee hin taa'an. Boo'eez namicha fira ufii ka fooniitiin Nuhaamiin biyya Moo'aabiitii deebite lafa obboleessa keenna Abemelekii dhaalchisu'uuf taati. Atillee waan kana beekuu si barbaachisa jedhee waan yaadeef amma namoota as taa'anii fi jaarsota banii kiyyaa afo'otti ka oolfatuu barbaachisu si waan ta'eef gatii kennii oolfadhu, yoo hin barbaanne ammo qurxii natti himi ani hin oolfadhaa; Innillee hin oolfadha jedheen. Achiin maayii Boo'eez «lafa Nuhaamiiniitii fi intala biyya Moo'aabii irraa guyyaa gatii kennitee oolfattu maqaa namicha du'ee waamsisu'uuf mana isaallee wolumaan fudhatta» jedheen. Namichi fira foonii kun ammo yoo akkana ta'e, qabeenni kiyya waan baduuf ani hin oolfadhu atummaan oolfadhu» jedheen. Bara durii keessa Israa'eliin keessatti wonti akka lafa gurguru'uu fi dhaalu'uu ka mirkanaayu namni tokko kophee ufii baafatee nama biraatii yoo kenne calla'a; akka kanaan seerri bitu'uu fi gurguru'uu Israa'eliin keessatti raawwatama. Firrisee namichi fira foonii Boo'eeziin «Atummaan oolfadhu» jedhee kophee luka ufii irraa baase. Boo'eezillee jaarsotaa fi banii maraan «Abemelek, Kelewoonii fi Mahaaloon waan qaban maraa Nuhaamiiniin irraa gatii kennee oolfachuu kiyyaaf adha isin naa raga'a. Akkasuma maqaan namicha du'ee obboleeyyan jiddu'utti biyya keessaallee akka hin banne maqaa namicha du'ee ristii irratti akka waamamu, haadha manaa Mahaaloonii intala biyya Moo'aabii Ruutiin akka haadha manaa naa taatu akka adha fuudhe isin naa raga'a» isaaniin jedhe. Achiin maayii jaarsotaa fi namoonni balbala baada'aa taa'aniiran maruu akkana jedhan; «Ee nu waan kanaaf raga'a; intala tee tana Rabbi ijoollee hedduu dawu'uun worra mana Yaaqoobii ijaaran akka Raaheliitii fi Liya'aa sii haa godhu; Rabbii Efraataa keessatti si haa duroomsu; Beeteliheemiin keessattillee maqaan kee gurra haa bawu. Rabbi fiixaa intala dargaggeettii tana irraa sii kennuun si haa eebbisu; maatii keellee akka maatii Faaresii, Yihuuda'aa fi Timaariin irraa dhalatee sii haa godhu.» Akka kanaan Boo'eez Ruutiin fuudhee haadha manaa isaa taate; inni bira gaye Rabbi akka isiin ulfooftee ilma dhiiraa deettu taasise. Dubartoonni Nuhaamiiniin, «Rabbiin nama intala ilma keetii dhaalu ka si hin dhabsiifne haa eebbifamu! maqaan isaa Israa'eliin keessatti haa waamamu! Intalti ilma keetii guddiftee si jaalatti; waan ijoolleen torbaa sii gootu caalaa sii gooteerti; amma ammo nama jireenna haarawoomsuuf ka bara jaarruma keetii si gargaaru ilma dhiiraa sii deetteerti» jedhaniin. Nuhaamiinillee daa'ima fudhattee ammattee guddiftuu taateef. Dubartoonni olla'aa Nuhaamiinii ilmi dhiiraa dhalateeraaf jedha'aa maqaa ‹Iyyoobeed› jedhanii itti baasan; inni ka Isseyii abbaa mooticha Daawitii ta'e uumate. Fiixaan Faareesii kana; Faarees Eesroomiin uumate; Eesroom Aaraamiin uumate, Aaraam Aminaadaabiin uumate. Aminaadaab Na'aasooniin uumate; Na'aasoon Solomooniin uumate, Solomoon Boo'eeziin uumate, Boo'eez Iyyoobeediin uumate, Iyyoobeed Isseyiin uumate, Isseyi Daawitiin uumate. Biyya gaaraa ka Efreemii keessa nama gosa Efreemii ka Hilqaanaa jedhamu ka qachaa Raamaataayim-Siifiim keessa jiraatu tokkotu ture; inni ilma Iyyaaremi'eeliiti; Iyyaaremi'eel ilma Eeliyo'ooti; Eeliyoon ilma Toohu'uutiiti; Toohu ilma Naasibiiti. Hilqaanaan haawwota manaa lama qaba; ta duraa maqaan isi'ii Haanna'a; ta lammeesso'oo Finaana'a; Finaanaan ijoollee qabdi; Haannaan garuu dhabdu'u, finna hin qabdu; Hilqaanaan wogga wogga'aan Rabbii Gooftaa banii maraatii sagadu'uu fi ciincaa dhiyeessu'uuf gara Seelo'oo baya; bara san ilmaan Eeli'ii Afiniinii fi Finihaas gadoota ta'anii Seeloo keessatti Rabbiin tajaajila'aa turan. Hilqaanaan hennaa ciincaa dhiyeessu maraa foon ciinca'aa san irraa gayaa Finaana'aa, ilmaanii fi dubara isi'ii maraaf dhiyaatu kenna'aafii ture. Hilqaanaan waan Haannaa jaalatuuf gayaa isi'ii dachaa lama kenna'aafii ture; garuu Rabbi gadaamessa isi'ii cufee ture; Waan Rabbi gadaamessa isi'ii cufee tureef masaanuun isi'ii isii biibbeessa'aa aarsa'aanii turte. Hennaa isiin wogga wogga'aan gara mana woyyuu Rabbii dhaxxu maraa masaanuun isi'ii Finaanaan isii aarsa'aa isii boochisa'aa waan turteef womaa afaaniin hin qabdu turte. Sababaa kanaaf abbaan worra isi'ii Hilqaanaan, «Haannaa tiyya! maaf bootta? maaf waa hin nyaanne? maaf gaddita? ani ijoollee kudhanii sii hin caaluu?» isiin jedhe. Gaaf tokko Seelo'otti ciincaa dhiyeessanii haga nyaatanii dhuganiin maayessa Haannaan kaatee dhaabatte; hennaa san gadichi Eeliin balbala mana woyyuu Rabbii bira barcumaa irra taa'eera. Isiin sababaa gadda onnee isi'iitiin mararamtee booya'aa Rabbiin kadhata'aa turte. Haannaan, «Yaa Rabbi Gooftaa banii maraa! rakkinna garbittii teetii yoo yaadatte, yoo na hin irraanfanne, yoo ati ilma dhiiraa tokko naa kennite ani ammo bara jireenna isaa maraa mullaaciin mataa isaa irra hin geettu dabarsee sii kenna» jettee woreega qabde. Akka kanaan Haannaan hennaa Rabbiin afo'otti kadhaa dheeressite Eeliin afaan isi'ii laala'aa ture; Haannaan waan garaa ufii keessatti kadhattuuf uduu laagaa ufii hin dhageessifne hidhii ufii callaa sochoofti; Eeliin garuu waan waa dhuddee machoofte seeye. Eeliin, «Machiin kee kun haga yoomiiti? Machii kana dhiisi!» isi'iin jedhe. Isiin garuu, «Gooftaa kiyya ani nama gadda guddaa keessa jiru daadhii woyini'ii yookaan waan biraa ka nama macheessu hin dhunne; garuu rakkoo kiyya Rabbitti himata'aara. Sababa gaddinii fi rakkinni natti guddateef haga ammaa kadhata'aaraa ati ana garbittii tee akka dubartii raanke'eetitti na hin laakkayin» jettee isaa deebifte. Eeliinillee, «Nagayaan deemi! Waandhi Israa'elii waan ati kadhatte sii haa kennu!» isi'iin jedhe. Isiin «Ana garbittii tee kadha'aan na yaadadhu!» jettee karaa ufii deemte, nyaattee dhuddee gadduullee dhiifte. Ganamaan ka'anii Rabbii haga sagadaniin maayessa gara mana ufii Raama'atti deebi'anii galan; Hilqaanaan haadha manaa ufii Haannaa bira geennaan Rabbi isii yaadate, Yoma san ulfooftee ilma deette «Ani Rabbiin kadhadhee argadhe» jettee maqaa isaa «Saamu'eeliin» itti baafte. Hilqaanaan maatii ufii woliin ciinca'aa fi woreega wogga'aa dhiyeessu'uuf gara Seelo'oo ol baye. Haannaan garuu hin baane isiin abbaa worraa ufiitiin, «Ani yoo daa'imni harma gu'e fidee Rabbii kenna bara jireenna isaa maraa inni achuma tura» jetteen. Abbaan worraa isi'ii Hilqaanaanillee «Waan feete godhi, haga daa'ima harma guuftutti manuma taa'i Rabbi waan dubbate haa raawwatuu» isi'iin jedhe; isiin haga daa'imni harma gu'utti harma hoosisa'aa manuma ufii teette. Haga harma guufteen maayessa isa qabattee jibicha woggaa sadihii, daakuu iifii kudhanii, daadhii woyini'ii qalqala tokko guutuu woliin gara mana Rabbii Seeloo fidde; hennaa san daa'imni diqqa'a. Jibicha haga goorra'aniin maayessa daa'ima gara Eeli'ii fidan. Haannaan Eeli'iin «Gooftaa kiyya; umuriin kee haa dheeratu dubartiin si bira dhaabattee Rabbiin kadhata'aa turte ana; kadhaan ani Rabbiin kadhadhe akka inni mucaa kana naa kennuuf; Rabbillee akkuma ani isa kadhadhetti mucaa kana naa kenne. Anillee kunoo Rabbii kenne, bara inni lubbu'uun jiru maraa inni ka Rabbiiti» jette. Haannaan, «Garaan kiyya Rabbitti gammade, ulfinnaan waan ol na qabeef waan inni na baraareef, ani diintota kiyyatti hin kolfa. «Woyyuun akka Rabbii hin jiru, ka akka Waaqa keennaa qajeelaan hin jiru; si malee Woyyuun hin jiru; Hin booninaa'a; uf jaja'aallee hin qaaqinaa'a; Rabbi waan beekaa ta'eef, Rabbi waan namni hojjatu maraa waan beekuuf madaalee murteessaa; dubbiin uf jaju'uu afaan keessanii hin bayin. Woraana worra jajjaba'aa cabseera, worri dadhaban hunna argatanii jabaataniiran. Worri quufanii turan beelayanii nyaataaf uf gurguran, worri beelayanii turan quufan; dhabduun torba deettee, haati ijoollee baay'ee deette, hojja ufii hafte. Rabbi hin ajjeesa; hin jiraachisalle'e; gara ibidda asaabaa hin buusa hin baasalle'e. Rabbi hin duroomsa; hin hiyyoomsalle'e; nama salphisa, hin kabajjalle'e. Rakkattoota worra jajjabaa woliin teessisu'uuf, hulee salphinnaatii isaan kaasa, teessoo ulfinnaa isaanii kenna, hiyyeeyyii daaraa keessaa kaasa; bu'uurri biyya lafaa ta Rabbii waan taateef, isii irratti adunyaa uume. «Rabbi miila woyyootaa hin eega; cubbamtoonni ammo cadhisanii dukkana keessa jiraatan; namni hunna ufiitiin waan hin jabaanneef. Worri Rabbiin morman hin bututan; samii irraa isaanitti gigissa; adunyaa maraa irratti hin murteessa; mooti'iillee hunna kenna Masihichallee ulfinnaan kabajja» jettee Rabbiin kadhatte. Kanaan maayessa Hilqaanaan gara mana ufii Raama'atti deebi'ee gale; daa'imni isaa Eelii gadicha afo'otti Rabbii hojjata'aa ture. Ijoolleen Eeli'ii waan raankee ta'aniif Rabbiin hin beekan turan; Seerri worra gadoota ta'anii banii biratti akkana ture; hennaa namni maruu ciincaa dhiyeessee foon affeelan, gadicha hojjatu qadhabaa sibiilaa ka fooniin qaban ka quba sadihii qabu qabatee dhufee, qadhabaa san keree sibiilaa, xuwwe'ee fi keree keessa kaaya; yookaan waan qadhabaan sun qabee baase maraa gadichatu fudhata; hennaa worri Israa'elii ciincaa ufii qabatanii dhufanillee isaan maraa irrattuu akkasuma godhan. Hennaa ciincaa dhiyeessan cooma ciincawu, ka gadichaa hojjatu dhaqee nama ciincaa dhiyeessuun «Foon dheedhii malee ka affeelame waan gadichi hin jaalanneef foon wodduuf natti kenni» jedhaan. Namichi ammo «Cooma haa ciinceessanii achiin maayessa waan barbaadde fudhatta» yoo jedhuun, ka gadichaa hojjatu sun ammo hin ta'uu ammuma natti kenni; yoo didde hunnaan fudha!» jedhaan. Namoonni waan kennaa Rabbii tuffataniif cubbuun ka'imman sanniinii Rabbiin afo'otti guddisee guddaa ture. Saamu'eel daa'imumma'atti Efuudii uffatee Rabbii hojjata'aa ture. Haati isaa hennaa ciincaa Rabbii ciinceessu'uuf wogga wogga'aan abbaa worraa ufii woliin baatu, uffata laafaa mishaa talbaa irraa hojjatame isaa fiddi turte. Eeliin Hilqaana'aa fi haadha manaa isaatiin, «Bikka isiin kennaa addaa kana Rabbii kennite dubartii tana irraa Rabbi fiixaa sii haa kennu!» jedhee isaan eebbise; Achiin maayessa isaanillee gara mana ufii deebi'an. Rabbi Haannaa yaadannaan ulfooftee ijoollee dhiiraa sadihii fi durba lama deette; daa'imni Saamu'eelillee Rabbii hojjata'aa guddate. Eeliin haga jaare, waan hamaa ilmaan isaa Israa'eliin irratti gootuu fi dubartoota daasee wol gayi'ii keessatti tajaajilan woliin akka seebaran dhagaye. Innillee «Waan hamaa isin hojjattan kana banii kana maraa irraa waan dhagayeeruuf maaf waan akkanaa kana hojjattan? Ijoollee tiyya! banii Rabbii keessatti waan cubbuu hojjattaniif, oduun waan keessaniif na bira gaye misha'aa miti deebitanii waan kana hin hojjatinaa'a!» isaaniin jedhe. Namni yoo nama yakke, murtee Rabbitu kenna; namni yoo Rabbiin yakke garuu eentu jidduu seenee araarsa? isaan garuu waan gorsa abbaa ufii hin dhageenneef Rabbi isaan ajjeessuu fedhe. Daa'imni Saamu'eel Rabbii fi nama afo'ottillee guddata'aa gaachenallee argata'aa deeme. Namni Rabbii gara Eeli'ii dhufee «Rabbi akkana siin jedha ‹Hennaa ati biyya Misirii mana Fari'ooniititti garbicha taatee jirtu ani mana abbeetiititti mudhadhe. Gosa Israa'elii maraa keessaa akka gadicha naa ta'uuf, hulee ciinca'aa kiyyatti akka ciinceessuuf, akka hixaana naa aarsuu fi uffata ulfinnaa na afo'otti akka uffatu ufiif isa filadhe kennaa ciinca'aa ka ijoolleen Israa'elii ijoollee abboota tee ta duraatiif dhiyeessitu sii kenne. Kenna'aa fi ciincaa kiyya ka ani akka naa dhiyeessaniif ajaje isin maaf salphiftan? Ijoolleen tee waan ciinca'aaf dhiyaatu mishaa irraa fudhatanii furdatu'uuf nyaatan ati na caalaa maaf isaan kabajjite?› Kanaafuu Rabbi Waandhi Israa'elii akkana jedha ‹Maatiin keetii fi maatiin abbeetii ka duraa bara baraan akka naa hojjataniif waadaa galee ture, amma garuu akkas hin ta'u; worra na kabajje ani hin kabajja; worri na tuffate hin tuffataman wonti akkanaa kun na biratti hin ta'u. Ani maatii kee keessaa namni tokkollee gara umurii jaarrumaa akka hin geenne si'ii fi maatii mana abbeetii hennaan balleessu gayeera. Hulee ani itti Waaqeffamutti rakkoo guddaa argita; gosa Israa'elii biratti yoo ka wonti mishaan hojjatamu ta'ellee maatii kee keessaa namni umurii dheeraa jiraatu hin argamu. Isinii worra hulee ciinca'aa kiyyatti hojjattan keessaa namni ani uduu isa hin balleessine dhiisu, ka si boochisuu fi ka si gaddisiisu ta'a; maatiin mana keetii maruu umurii dargaggumma'aatitti lolaan dhuman; Wonti kun akka malkata sii ta'u ijoolleen tee lamaan Afiniinii fi Finihaas guyyama tokko du'an. Ani gadicha amanamaa akka yaada kiyyaa naa hojjatu fooyadha; ani fiixaa jabaatee dhaabatu kennaaf; inni mootii ani muude afo'otti hojjata. Namni fiixaa kee keessaa lubbu'uun jiraatu maruu gara gadicha sanii dhaqa'aa isaa sagada'aa isa irraa yabo'oo birri'ii fi nyaata naa kenni»› jedha'aa kadhata. Daa'imni Saamu'eel Eelii afo'otti Rabbii hojjata ture; bara san dubbiin Rabbii dharraa ture; mudhatallee hin argan. Bara san Eeliin guddisee waan jaareef ijaan hin argu ture. Eeliin rafee uduu jiru, ibsaan mana woyyu'uu uduu hin dhaamne, Saamu'eel hulee saanduundhi waadaa Rabbii jiru keessa uduu rafee jiru, Rabbi Saamu'eeliin waame innillee hin awwaatee. Gara Eeli'ii fiigee, «Kunoo ani ati na waamnaan dhufe» jedheen; Eeliinillee, «Ani si hin waamne deemii deebi'ii rafi» jedheen. Rabbi ammallee, «Saamu'eel!» Jedhee isa waame; Saamu'eel ammallee ka'ee gara Eeli'ii dhaqee «waan ati na waamteef deebi'ee dhufe» jedhe; Eeliin ammo, «Mucaa kiyya, ani si hin waamnee deebi'ii rafi» jedhee deebiseef. Hennaa san Saamu'eel tanaan dura waan Rabbi isa waamee hin beenneef laagaa Rabbii ta'uu hin beenne ture. Rabbi hennaa sadeesso'oo Saamu'eeliin waame; innillee ka'ee gara Eelii dhaqee «Kunoo waan na waamteef dhufe» jedhe; achiin maayessa ka daa'ima waama'aaru akka Rabbiin ta'e beekee, Eeliin Saamu'eeliin, «Deebi'ii rafi yoo deebi'ee si waame ‹Ani garbichi kee dhagaya'aaraa dubbadhu› jedhiin» jedheen; Saamu'eelillee deebi'ee rafe. Rabbi deebi'ee dhufee akkuma duraa san Saamu'eel! Saamu'eel! jedhee waameen; Saamu'eelillee «Ani garbichi kee dhagaya'aaraa dubbadhu» jedhe. Rabbi Saamu'eeliin, «Guyyaan ani Israa'eliin irratti waan tokko hojjadhu dhiyaateera; namni waan ta'e san gurraan dhagawu maruu coraan isaanii hin rifata. Guyyaa san waan mana Eeli'ii irratti raawwatu'uuf dubbadhe maraa Eelii irratti raawwadha. Waan inni ijoollee isaa waan hamaa hojjattee innillee argee waan irraa hin dhooggineef, waan cubbuu isaatiif baraa haga bara baraa akka isa irratti murteessu isatti himeera. Kanaafuu cubbuun maatii Eeli'ii kenna'aa fi ciincaa dhiyeessu'uun baraa haga bara baraa akka isaa hin dhiifamne kakadheera.» Saamu'eel haga lafti bariituu rafee ganama ka'ee balbala mana Rabbii bane; mudhata argellee Eeli'itti himuu sodaate; Eeliin garuu Saamu'eeliin waamee, «Mucaa kiyya Saamu'eel!» Jedhe; innillee hin awwaate. Inni «Wonti Rabbi sitti hime maali'i? na hin dhossin waan inni sitti hime maraa keessaa yoo na dhossite, Rabbi guddisee si haa adabu» jedheen. Saamu'eel waan Rabbi isatti hime maraa uduu hin dhossin waa maraa isatti hime; Eeliin «Inni Rabbiin waan ta'eef waan fedhe haa godhuu» jedhe. Saamu'eel guddata'aa deeme, Rabbi waan isa woliin jiruuf waan inni dubbatu maraa Rabbi raawwata'aafii ture. Worri Israa'elii gosa Daanii irraa jalqabee haga Beersaabeehii Saamu'eel raatticha Rabbii amanamaa akka ta'e beekan. Rabbi Seelo'otti dubbii ufiitiin Saamu'eelitti mudhate; wonti Saamu'eel jedhu maruu banii Israa'elii biratti fudhatama argate. Worri Israa'elii worra Filisxeemii woliin wol lolu'uuf bayanii hulee Abeni'eezar jedhamutti quphatan; worri Filisxeemii ammo hulee Afeeq jedhamutti quphatan. Worri Filisxeemii lola jalqabe, worri Israa'elii worra Filisxeemiitiin mooyataman. Hennaa san worra Israa'elii keessaa namoota haga kuma afuriititu du'e. Worri hafan hennaa gara qe'ee ufii deebi'an manguddoonni Israa'elii «Adha Rabbi maaf worra Filisxeemii jalatti nu kuffise? Saanduuqa waada'aa akka nu jidduu deemu diina keenna jalaa akka nu baasu, Seelo'oo haa finnuu» jedhan. Kanaafuu namoota gara Seelo'oo erganii saanduuqa waadaa Rabbii Gooftaa banii maraa ka kiruubeeliin irra taa'u achii fidan; ijoolleen Eeli'ii lamaan Afiniinii fi Finihaasillee saanduuqa waada'aa woliin achi turan. Hennaa saanduundhi waadaa Rabbii gara qe'e'ee gale, baniin Israa'elii maruu haga lafti sochootutti guddisanii ililfatan. Worri Filisxeemii hennaa laagaa lililfataa dhagayan; «Laagaan ililfataa guddaan ka ganda Ibrootaatii dhagayama'aaru kun maali'i?» jedhanii akka saanduundhi waadaa Rabbii gara qe'e'ee gale hubatan. Worri Filisxeemii sodaatanii, «waaqolee tolfamaa keessaa tokkotu gara ganda isaanii dhufeera» jedhan; hayi nu hobbaasi! Asiin dura wonti akkanaa ta'ee hin beekuu; jedhan. Nu hobbaasi! waaqolee akkanaa jajjabaa kanniin jalaa eentu nu baasa? Waaqoleen kunniin ka dur worra biyya Misirii balaa gara garaatiin dhayan, Isin worra Filisxeemii! Jabaadhaa'a! akka isin isaan irratti gootan san hojjattoonni worra Ibrootaallee akka isin irratti hin goone jabaadha'aa lolaa'a!» jedhan. Worri Filisxeemii lolanii worra Israa'elii mooyatan, worra Israa'elii keessaa namoota baay'etu dhume; guyyaa san worri lukaan deemanii lolan namoota haga kuma soddomaatitu dhume. Saanduundhi waadaa Rabbii hin booji'ame ijoolleen Eeli'ii lamaan Afiniinii fi Finihaasillee hin du'an. Guyyaa san namichi gosa Biiniyaamii tokko hulee lolaatii fiiga'aa dhufee uffata ufii bibbiinxee, daaraa ufitti firfirsee gara Seelo'oo dhaqe. Hennaa inni gara Seelo'oo dhufu Eeliin waan saanduuqa waadaa Rabbiitiif onneen isaa raafamee tureef teessuma baafatee karaa irra taa'ee eega'aa ture; hennaa inni gara qachatti'ii seenee isaanitti odeesse qachaan maruu hin iyyite. Eeliin hennaa iyya kana dhagaye, iyyansi kun maali'i? jedhe; namichillee ariifatee fiigee gara isaa dhaqee isatti hime. Bara san Eeliin jaarsa woggaa sagaltamii saddeetii ture; ijji isaa waan dadhabdeef dimimmiftee arguu dadhabe. Namichi odu'uun dhufe sun Eeli'iin, «Namni hulee duulaatii dheessee dhufe ana» jedhe; innillee namicha saniin «Ilma kiyya! wonti sun atta ta'e?» jedheen. Innillee deebisee «Worri Israa'elii worra Filisxeemii jalaa dheesse baniin baay'een dhumate, ijoolleen tee lamaanuu Afiniinii fi Finihaasillee hin ajjeefaman, saanduundhi waadaa Rabbiillee hin booji'ame» jedheen. Hennaa namichi dhaamsa fide sun waan saanduuqa waadaa Rabbii dubbate, Eeliin teessuma balbala laddatti irra taa'eeru irraa kufee waan jaaree ijji isaa dimimmifteertuuf lum'atti citee du'e; inni worra Israa'elii woggaa afurtama bulche. Hennaa san intalti ilma isaa ta Finihaasii ulfooftee dawuu geetteerti; haga akka saanduundhi waadaa Rabbii booji'ame, soddaan isi'iitii fi abbaan worraa isi'iillee akka du'an haga dhageette, naatee ciniinsifattee jilbiiffattee deette. Isiin uduu cicha'aartu worri isii deessisu, «Ilma dhiiraa deetteertaa jabaadhu!» jedhaniin; isiin garuu dhageettee deebii isaanii hin deebifne. Isiin waan saanduundhi waadaa Rabbii booji'ameef, soddaan isi'iitii fi abbaan worraa isi'iillee waan du'aniif ulfinni Israa'eliin irraa ka'e jettee maqaa daa'imaa Ikaabood jetteen. Isiin, «Waan saanduundhi waadaa Rabbii booji'ameef ulfinni Israa'eliin irraa ka'e» jette. Worri Filisxeemii saanduuqa waadaa Rabbii hulee Abeeni'eezer jedhamuu fuudhanii gara Azaaxoonii fidan. Worri Filisxeemii saanduuqa waadaa Rabbii fuudhanii gara mana waaqa isaanii tolfamaa ka daagoon jedhamuu seensisanii isa ladda kaayan. Namoonni Azaaxoonii ganamaan lafaa ka'anii dhaqanii yoo laalan daaqoon saanduuqa waadaa Rabbii afo'otti kallachaan lafatti gad kufeera; daagooniin ol qabanii hule'etti deebisan. Gaafa guyyaa lammataallee yoo dhaqanii laalan daagoon saanduuqa waadaa Rabbii afo'otti addaan lafatti gad kufeera, mataan daagooniitii fi harki isaallee ciccitee madabii gubbaa jira; qomni isaa garuu hojjatti hafe. Kanaafuu gadoonni daagoonii hennaa mana daagoonii seenan madabii daagoonii ka Azaaxooniin keessa jiru haga adhaa irra hin ejjatan. Rabbi worra Azaaxoonii guddisee isaan rakkisee isaanii fi worra naannoo isaanii jiran maraa dhibee iitessuun isaan dhaye. Worri Azaaxoonii akka wonti kun ta'e haga argan, «Harki Rabbii nu'uu fi daagooniin irratti waan jabaatteef saanduundhi waada'aa ka Waaqa Israa'elii nu bira hin taa'in» jedhan. Wal gayanii gara mootota Filisxeemii maraa dhaamsa erganii «Saanduuqa waada'aa ka Waaqa Israa'elii maal haa goonu?» jedhan; isaanillee «Saanduundhi waada'aa ka Waaqa Israa'elii gara Geetii haa geeffamuu» jedhanii deebisan; saanduuqa waadaa Rabbii baadhatanii achi fidan. Haga saanduuqa waadaa Rabbii achi geessaniin maayessa Rabbi qachattii saniin lolee naasise; namoota qachattii sanii diqqa'aa haga gudda'aa dhibee iitessuun isaan adabe. Saanduuqa waadaa Rabbii gara Asqaaloona'aa fidan; hennaa saanduundhi waada'aa gara Asqaalona'aa dhufe worri Asqaalona'aa «Nu'uu fi banii keenna fixu'uuf saanduuqa waada'aa ka Waaqa Israa'elii nutti fidan» jedhanii iyyan. Qachattii maraa keessa naasuun du'aa waan jiruuf, waan Rabbi guddisee isaaniin lola'aaruuf bulchoota worra Filisxeemii nama itti erganii waamsisanii, «Saanduuqa waada'aa ka Waaqa Israa'elii nu biraa baasaa'a; nu'uu fi banii keenna akka hin findhe garuma hulee ufii haa deebi'uu» jedhan. Namoonni hin duune worri lubbu'uun jiran dhibee iitessuun qabaman; iyyansi namoota qachattii keessa jiruu gara sami'ii ol baye. Saanduundhi waadaa Rabbii biyya Filisxeemii keessa ji'a torba taa'e. Worri Filisxeemii gadootaa fi worra mita hojjatu waamanii «Saanduuqa waadaa Rabbii maal haa goonu? Gara hulee isaa maali'iin deebifna? Mee nutti himaa'a» jedhan. Isaanillee saanduuqa waadaa Rabbii yoo fiddan ciincaa yakkaa dhiyeessitaniif malee duwwaa hin fidinaa'a; yoo san hin fayyitanii sababaa inni guddisee isin adabeefillee hin beettanii» jedhan. Isaanillee, «Ciincaan nu'u yakkaaf isaa dhiyeessinu maali'i?» jedhanii gaafatan. Isaanillee, «Balaan isinii fi bulchoota keessan irra geette takkattii waan taateef akka laakkobsa bulchoota worra Filisxeemiitiin sunsuma shanii ka worqii irraa hojjatame ka Iita qabu sunsuma worqii shan ka bifa hantuutaatiin hojjatame dhiyeessaa'a. Fakii hantuuta hedduu ka biyya keessan haa balleessani'iif ergaman fakii iitaa kanniin hojjadha'aatii kennaa kanniin Waaqa Israa'eliitii kennu'uun ulfinna isaa kennaa'a; yoo waan kana gootan, maal laataa balaa isinii fi waaqa keessan tolfamaa lafa keessanillee ittiin balleessu isin irraa kaasaa. Akka worra biyya Misiriitii fi Fari'oon onnee ufii jabeeffatan isinillee maaf onnee keessan jabeeffattan? Isaan worra Rabbi hunna ufiitiin baraaree isaan baasee mitii? Isaan achi keessaa hin baanee? Kanaafuu gaarii harkifamuun qambaraa sa'oolee ameeyyi'iititti hidhaa'a; jabbilee fooya'aatii gara moona'aa deebisaa'a. Saanduuqa waadaa Rabbii san fuudha'aatii gaarii sanitti fe'aa'a; mi'a worqii irraa hojjatame ka waan ciincaa yakkaatiif dhiyeessitan saaxinii keessa kaaya'aatii saanduuqa waadaa Rabbii bira kaaya'aatii geegessaa'a. Kanaan maayessa deemsa isaa laalaa'a; yoo ka gara karaa Beetasaamisii deemu ta'e balaa badaa akkanaa kana ka nutti erge Rabbiin ta'uu isaa beenna; Yoo ka gara karaa sanii hin deemne ta'e garuu balaan kun akkanaan tasa ta'e malee akka Rabbi nutti hin ergine hubanna» Namoonnillee akkasuma godhan sa'oolee lamaa ameeyyii fuudhanii gaari'itti hidhanii jabbii isaanii manatti itti cufan. Saanduuqa waadaa Rabbiitii fi fakii hantuutaa ka worqii irraa hojjatame fakii Iitaallee saaxinii keessa kaayanii gaari'itti fe'an. Saa'ooleen gara karaa Beetasaamisiin fiduun qajeelanii madhata'aa karaa qajeelanii deeman bita'aa fi mirgallee hin gorre; bulchoonni worra Filisxeemii isaan duubaan haga daangaa Beetasaamisii deema'aa turan. Namoonni Beetasaamisii worri dhooqa keessatti qamadii haamatan ol jedhanii saanduuqa waada'aa arganii guddisanii gammadan. Gaariin sun gara maasaa Iyyaasuu nama Beetasaamisii dhufee hulee dhagaan guddaan jiru dhaabate; muka gaari'ii san baqassanii horii sanniin ciincaa ibiddaan gubatu godhanii Rabbii dhiyeessan. Worri Leewwotaa saanduuqa waadaa Rabbiitii fi saaxinii mi'a worqi'ii uf keessaa qabu ka isa woliin jiru buusanii dhagaa guddaa irra kaayan; guyyaa san namoonni Beetasaamisii ciincaa ibiddaan ciincawu Rabbii dhiyeessan. Worri Filisxeemiitii fi bulchoonni isaanii shananuu haga waan kana argan gaafasuma gara Asqaloona'aa deebi'an. Iinni worqi'ii ka worri Filisxeemii waan ciincaa yakkaatiif Rabbii dhiyeesse kanniin; takka Azaaxooniif takka Gaaza'aaf, takka Asqaloona'aaf, takka Geetiif, takka Aqaaroona'aaf laakkobsi fakii worqi'ii ka hantuuta shananii bulchoota shanan worra Filisxeemiitiif qachoota maraafuu akkasuma godhan; qachoonninii fi gandoonni kunniin haga dhagaa guddaa saniiti; saanduuqa waadaa Rabbii dhagaa kana irra kaayan dhagaan kun haga adhaa maasaa Iyyaasuu nama Beetasaamisii keessa jira. Isaan waan saanduuqa waadaa Rabbii keessa laalaniif namoota Beetasaamisii hin dhaye; banii keessaa namoota torbaatama ajjeese; Rabbi waan banii hedduu isaan jalaa ajjeeseef baniin hin booye. Namoonni Beetasaamisii, «Rabbii Waaqa Woyyuu eentu afoo dhaabachuu danda'aa? Nu keessaa ka'ee bayee eentu deemuu danda'aa?» jedhan. Gara namoota Qiriyaataarimiin keessa jiraatanii dhaamsa erganii worri Filisxeemii saanduuqa waadaa Rabbii waan deebisaniif dhaqa'aa fudhadhaa'a» isaaniin jedhan. Namoonni Qiriyaatiyi'aarimii saanduuqa waadaa Rabbii fuudhanii mana Aminaadaabii ka tulluu gubbaa jiru kaayan; saanduuqa waadaa Rabbii akka eegu ilma isaa Alaazariin adda baasan. Saanduundhi waadaa Rabbii hennaa dheera'aaf Qiriyaata'aarimiin keessa jiraate; kun haga woggaa diddamaa ta'e; hennaa san worri Israa'elii guddisanii Rabbitti booyan. Saamu'eel worra Israa'elii maraanuu, «Yoo onnee teessan guutu'uun gara Rabbii deebitan waaqolee tolfama'aa fi waaqolee tolfamaa astaaroot jedhaman uf keessaa balleessaa'a; qalbii guutu'uun gara Rabbii deebi'aa'a; isuma callaa waaqeffadhaa'a; inni harka worra Filisxeemii jalaa isin baasaa» isaaniin jedhe. Kanaaf Ijoolleen Israa'elii ba'aaliimii fi astaarootiin uf keessaa balleessanii Rabbiin callaa waaqeffatan. Kanaan maayessa Saamu'eel worra Israa'elii maraan «Mitsipha'atti wol gayaa'a; ani waan keessaniif Rabbiin kadhadhaa» jedhe. Isaanillee tokko ta'anii Mitsipha'atti wol gayanii bisaan woraabanii Rabbiin afo'otti jissanii soomanii guyyaa san «Rabbiin yakkineerra» jedhan; Saamu'eel Mitsipha'atti worra Israa'eliitii murtii kenna'aa ture. Worri Filisxeemii akka worri Israa'elii Mitsipha'atti wol gayan haga dhagayan, bulchoonni worra Filisxeemii Israa'elitti duulan; worri Israa'elii kana dhagayanii worra Filisxeemii sodaatan. Worri Israa'elii Saamu'eeliin, «Worra Filisxeemii jalaa akka nu oolchu Rabbii Waaqa keenna nuu kadhachuu hin dadhabin» jedhaniin. Saamu'eel korbeessa hoola'aa tokko ka haadha hodhu fuudhee ciincaa ciincessee Rabbii dhiyeessee waan worra Israa'eliitiif gara Rabbii iyye; Rabbillee hin dhagayeef. Saamu'eel akkuma ciincaa dhiyeesseen worri Filisxeemii worri dhufan gaafa san Rabbi worra Filisxeemiititti gigissaa gigissee isaan naasisee worra Israa'elii jalatti mooyataman. Namoonni Israa'elii Mitsipha'aa bayanii worra Filisxeemii ari'anii haga Beetikaarii gadiititti dhaqanii dhayan. Saamu'eel dhagaa tokko fuudhee Mitsipha'aa fi Sheeniin jiddu'utti dhaabee maqaa isaa haga adhaa Rabbi nu gargaareera jedhee Abeneezeer jedhee moggaase. Worri Filisxeemii salphatee lammata gara daangaa Israa'elii hin baane bara umurii Saamu'eel jiru maraa harki Rabbii worra Israa'elii woliin waan turteef worri Filisxeemii deebi'anii worra Israa'eliititti hin dhiyaanne. Lafti worra Israa'elii Asqaloona'aa haga Geetii qachaa worri Filisxeemii isaan irraa fudhate worra Israa'eliitii deebite; daangaan Israa'elii harka worra Filisxeemii jalaa hin baate hennaa san Israa'elii fi worra Amoorotaa jidduu nagayatu ture. Saamu'eel bara ufii jiraate maraa worra Israa'elii bulche; wogga wogga'aan Beeteelii gara Gelgela'aa; Gelgela'aa gara Mitsipha'aa deddeebi'aa ture; hulee kanniin marattuu banii Israa'eliitii murtii kenna ture. Manni Isaallee achuma waan tureef Raama'aa deddeebi'aa ture; achitti worra Israa'eliitii murtii kenna'aa ture; achumatti Rabbiif hulee ciinca'aa hojjate. Saamu'eel haga jaare ijoollee ufii lamaan akka mana Israa'elii bulchan muudee ture; Maqaan ilma isaa ka hangafaa Iyyu'eel; ka maandha'aa Abiyya'a; isaan Beersaabeehitti banii bulcha'aa turan; garuu ijoolleen isaa amala mishaa akka abba'aa hin qaban; waan hamaa hojjachuu jalqaban gabbarsuu nama irraa fudhata'aa dhara murteessan. Kanaan maayessa jaarsonni worra Israa'elii maruu wol gayanii gara Saamu'eelii dhufanii, «Ati jaarteertaa ijoolleen tee karaa keetiin hin deemnee amma akkuma worra Yihuudota hin taane maraa mootii nu bulchu nuu moosisi» jedhaniin. Hennaa mootii nuu moosisi isaan jedhan jechi sun Saamu'eeliin waan gaddisiiseef Rabbiin kadhate; Rabbillee Saamu'eeliin «Akka ani isaan irratti mootii hin taane na tuffatan malee si hin tuffannee waan baniin siin jedhe maraa isaanii dhagayi. Hennaa biyya Misiriitii isaan baase irraa haga adhaa na dhiisanii waaqa tolfamaa waan waaqeffataniif akkuma hujii badaa hojjatan san si irrattillee waan badaa hojjatan. Ammallee waan isaan siin jedhan dhagayi; garuu waan dhuga'aa isaanitti himi waan mootichi isaaniin jedhullee isaanitti himi» jedheen. Saamu'eel dubbii Rabbii maraa banii mootii barbaadetti hime. «Seerri mootiin mooyu isin irratti hojjatu kana; ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa maraa fuudhee worra gaarii oofaniif faradoo masakkan isaan taasisa. Ajajaa loltuu kumaatii fi ajajaa loltuu dhibbaa isaan taasisa; worra qonna qotu, worra midhaan haamuu fi worra meeshaa sibiilaa ka gaari'ii hojjatu ta'an. Ijoollee teessan ta intalaa fuudhee worra urgoo hojjatu, worra ittoo hojjatuu fi worra dhoqqee haru isaan taasisa. Midhaan mishaa maasa'aatii fi ka woyini'ii keessan fuudhee hojjattoota ufiitii kenna. Kurneessoo midhaaniitii fi ka woyini'ii keessan keessaa fuudhee worra isaa hojjatanii fi worra isa mari'achiisanii kenna. Hojjattoota teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa, horii keessanii fi harriin teessan mimmichuu fudhatee hojjachiifata. Kurneessoo hoolotaatii fi re'iin teessaniillee hin fudhata; isinillee garboota isaa taatan. Hennaa san waan mooticha filattaniitiif hin iyyattan; gaafas Rabbi isinii hin dhagayu» Baniin garuu waan Saamu'eel isaanitti hime maraa woyittuu hin laakkofne; hin ta'u! mootii nuu moosis jedhaniin. «Nullee akkuma banii kaawwanii mootiin nuu haa moosifamuu; inni nu bulcha; afoo keenna bayee nuu lola» isaan jedhan. Saamu'eel waan baniin jedheen dhagayee Rabbitti hime. Rabbi Saamu'eelii fi jecha isaanii dhagayee «Mootii isaanii moosisi» jedheen; achiin maayessa Saamu'eel banii Israa'eliitiin, «Marti keessanuu gara qachaa keessanii deebi'aa'a» isaaniin jedhe. Gosa Biiniyaamii keessaa nama maqaan isaa Qiis jedhamu dureessa beekkamaa tokkotu ture; inni ilma Abi'eelii, ilma Xiroorii, ilma Bikooraatii, ilma Afeeqii nama jabaa beekkamaa ture. Inni nama Saa'ol jedhamu mishaa bareeda tokko qaba; ijoollee Israa'elii keessaa namni mishaan isa caalaa bareedu hin jiru; inni banii maraa caalaa ka hojjaa dheera'aatii fi ka gurmuu badhatu. Abbaa Saa'olii Qiisiin jalaa harriin baddee ilma ufii Saa'oliin «Hojjattoota keessaa nama tokko fudhadhuu deemii harriin soqi» jedhee ajaje. Biyya gaaraa ka Efreemiitii fi Shaalishaa keessa lufanii harriin soquu jalqaban; garuu hin argine lafa Shaalimiin keessallee lufanii achitti hin argine; biyya Biiniyaamii keessa lufanii garuu achittillee hin argine. Hennaa gara lafa Xuufii dhufan Saa'ol mucaa isa woliin jiruun «Abbaan kiyya harriinii yaaduu dhiisee waan keennaaf akka hin dhiphanne koottu haa deebinuu» jedheen. Innillee «Namni Rabbii tokko qachaa kana keessa jiraa, inni nama kabajjama'aa wonti inni dubbatu maruu hin raawwatamaa isa bira haa dhandhuu; inni maal laataa hulee deemnu mutti himaa» jedheen. Saa'ol mucaa saniin, «Maarre hin deemnaa nama Rabbii sanii maal finna? Xoroshoo qaraciitii keenna keessaa fixanneerra waan womaa harkaa hin qabneef waan nama Rabbiitii finnu maal qabna?» Jedheen. Mucaan sun Saa'oliin «Ani saqilii takka qabaa karaa deemnu akka nutti himu ani isii nama Rabbiitii kenna» jedhe. Ka adha raatticha jedhamu duraan abbaa mudhataati waan jedhamuuf namni tokko Israa'eliin keessaa yoo Rabbiin gaafachu'uuf dhaqu koottaa gara abbaa mudhataa haa dhandhuu jedha'aa ture. Saa'ol wonti mucaan sun isaan jedhe waan mishaa ta'eef «Koottuu hin deemnaa!» jedheenii gara qachaa namni Rabbii jiruu san deeman. Hennaa gara qachatti'ii dhaqu'uuf gaara irra bayan; durba bisaan woraabbachu'uuf achi irra bayan arganii, «Abbaan mudhataa as jiraa?» isaaniin jedhan. Isaanillee «Ee! kunoo isin afoo jira; adhuma gara qacha'aa dhufee, adha baniin gaara hulee itti sagadanitti waan ciincaa dhiyeessu'uuf ta'uuf daddafa'aatii ol bayaa'a. Hennaa qachattii seentan namni ciincaa san dhiyeessu isa waan ta'eef uduu inni hin baane baniin waan womaa afaaniin hin qabneef; achiin maayessa worri waamaman uduu waa nyaatanii dhugu'uuf gaara hulee itti sagadan irra hin baane, hennaa san waan isa argitaniif daddafa'aa ol bayaa'a» isaaniin jedhan. Hennaa ol bayanii gara qachatti'ii seenan, Saamu'eel gara gaaraa hulee itti sagadanii dhaqu'uuf isaanitti dhufe. Uduu Saa'ol gara isaa hin dhufne guyyaa tokkoon dura Rabbi Saamu'eeliin, «Ani boru hennaa akkanaa kana nama gosa Biiniyaamii tokko gara kee ergaa booyicha banii kiyyaa waan argeef bulchaa banii kiyya ka Israa'elii akka ta'u naa muudda; inni banii kiyya Israa'eliin Filisxeemiin jalaa baasa» jedheenii ture. Saamu'eel haga Saa'oliin arge «Namni ani sitti hime sun kunooti; inni banii kiyya bulcha» jedheen. Saa'ol gara balbalaatiin Saamu'eelitti dhiyaatee, «Manni nama raaga raaguu eessa? Garam yabo'oo natti himi?» Jedheen. Saamu'eel ammallee Saa'oliin «Namni raagu anuma; adha na woliin waan waa nyaattaniif daddafa'aatii gara gaara hulee itti sagadanii ol bayaa'a; waan garaa keetii sitti himee boru isin geegessaa. Harriin tee ta guyyaa sadihiin dura badde waan argamteef waan isi'ii hin yaadin; hawwiin Israa'elii maali'i? waan keetii fi waan mana abbeetiitii mitii?» Saa'ol Saamu'eeliin, «Ani nama gosa Israa'elii maatii diqqaa Biiniyaamiin keessaatii mitii?; worri kiyyallee worra diqqaa Biiniyaamiin keessaatii mitii? waan akkanaa kana maaf natti himte?» Jedhe. Kanaan maayessa Saamu'eel Saa'olii fi tajaajilaa isa woliin jiru gara galma gudda'aa isaan seensisee hulee keessummoonni saddomaa taa'anitti hulee ulfinnaa ka maraa caalu isaan teessise. Saamu'eel namicha mana itto'oo keessa hojjatuun «Gumaa foonii ka hojja kaayi siin jedhe san as fidi» jedheen. Namichi mana itto'oo keessa hojjatu sunillee foon lukaatii fi ka isa woliin jiru maraa fuudhee Saa'oliin jala kaaye; Saamu'eel Saa'oliin «Foon kun foon mishaa siif hojjatti kaayame; keessummoota kanniin woliin akka nyaattuuf waan sii qopheesseef foon kana nyaadhu» jedheen; guyyaa san Saa'ol Saamu'eeliin woliin nyaate. Tulluu itti sagadan irraa bu'anii gara qacha'aa hennaa seenan Saamu'eel mana manaan gubba'aa irratti Saa'oliif siree qopheesseefii inni achi bule. Haga lafti bariite ganamaan ka'anii Saamu'eel Saa'oliin mana mana gubba'aatii waamee, «Ka'i si geegessaa» jedheen; Saa'olillee ka'ee Saamu'eeliin woliin gara kara'aa bayan. Isaan haga gara qachatti'ii bayan Saamu'eel Saa'oliin «Hojjataa kee kanaan nu afo'otti achi lufi» jedhiin; «Ati garuu ani waan Rabbii sitti himaa asuma dhaabadhu» jedheen; hojjataan Saa'oliillee isaan afoo lufe. Saamu'eel dhadhaa ejersaa fuudhee mataa isaa irratti buusee dhungateen. Achiin maayessa, «Rabbi bulchaa banii Rabbii ka Israa'elii akka taatu si muudeera; banii Rabbii hin bulchita diintota naannaya isaanii jiru jalaallee hin oolchita; Adha yoo na biraa deemtu hulee Xeelsaa jedhamee waamamu ka bulchiinsa Biiniyaamii keessatti argamu awwaala Raaheelii biratti namoota lamaa argita; isaan harriin ati soqa'aartu waan argamteef abbee waan harriinii yaaduu dhiisee ani waan ilma kiyyaa atta godha› jedhee waan keetiif hin yaaddaya'aara siin jedhan. Achii deemtee muka guddaa Taaboorii bira geetta achitti namoonni sadihii tokko ilmoolee re'iinii sadihi, ka lammeesso'oo daabboo sadihii, ka sadeesso'oo garuu qalqala daadhii woyini'ii qabatanii gara Beeteel mana Rabbii hennaa dhaqan si arganii, nagaya si gaafatanii daabboo lamaa sii kennan; atillee isaan irraa fudhatta. Achiin maayessa hulee duultonni Filisxeemii jiran, gara gaara Rabbii dhufta yoo qachattii bira geette, gumii raattotaa ka meeshaa faaru'uu kabalaa'a, dibbee, ululle'ee fi masiinqoo qabatanii raaga dubbata'aa gaara gubba'aa hennaa bu'an isaan argita. Dimmaa Hafuurri Rabbii si irratti bu'a; atillee isaanuma woliin raaga dubbatta; akka nama biraa taatee jijjiiramta. Hennaa malkanni akkanaa kunniin ta'u Rabbi waan si woliin jiruuf waan hojjachu'uuf taatu maraa hojjadhu. Hulee ani ciincaa itti ciincessuu fi hulee ciincaa fayyumma'aa irratti dhiyeessu, gara Gelgela'aa na firriftee dhaxxa ani achitti ciincaa ciincessa; haga ani gara kee dhufee waan gootu sitti himuuf haga guyyaa torbaa achuma turi» jedheen. Saa'ol Saamu'eeliin biraa deeme, Rabbi Saa'oliin nama haarawa taasise; gaafas malkanni kunniin maruu hin ta'eef. Haga inni Tulluu san bira gaye Hafuurri Rabbiillee hunna gudda'aan isa irratti bu'e; innillee isaan jiddu'utti raaga dubbate. Worri dura isa beeku maruu hennaa inni raattota woliin akka raaga dubbatu argan, «Ilma Qiisii maaltu tuqe? Saa'ol gosa worra raattotaatii?» jedhanii wol gaafatan. Namni achi jiru tokko «Abbaan isaanii eennu?» jedhee gaafate. Kanaafuu wonti «Saa'ol gosa worra raattotaatii?» jedhameef kanaaf. Saa'ol haga raaga dubbatee fixe gara Tulluu ciincaa itti ciincessanii ol baye. Eessumni Saa'olii, Saa'olii fi hojjataa isaa «Haga adhaa eessa turtan?» jedhee isaan gaafate; innillee «Harriin soqaa deemne dhabnee gara Saamu'eelii gorre» jedheen. Eessumni Saa'olii «Yabo'oo waan Saamu'eel sitti hime natti himi» jedheen. Saa'ol eessuma ufiitiin «Akka harriin teenna ta badde argamte nutti hime» jedhee deebiseef malee waan mootummaa ufiitiif waan Saamu'eel itti hime maraa itti hin himne. Saamu'eel banii Rabbii Mitsipha'atti wolitti qabe; Rabbi Waandhi Israa'elii ijoollee Israa'eliitiin akkana jedhe, «Rabbi Waandhi Israa'elii ‹Ani Israa'eliin biyya Misiriitii baase, mootota biyyaa ka isaan rakkisu jalaa isaan baase› Adha ammo Waaqa keessan ka rakkinnaa fi dhiphinna maraa jalaa isin baase dhiiftaniirtan, ‹Akki kun garuu hin ta'uu; mootii nuu moosisi› jettaniin. Amma gosaa fi worra keessan woliin Rabbiin afoo dhiyaadhaa» Kanaan maayessa Saamu'eel gosa Israa'elii maraa Rabbiin afoo dhiyeesse; gofti Biiniyaamii ammo hixa'aan filatame; ammallee Saamu'eel maatii gosa Biiniyaamii maraa akka dhiyaatan godhe; achii worri Maaxirii hixa'aan filatame; dhuma irratti maatii Maaxirii keessaa worra dhiiraa akka afo'otti bayan godhe; isaan keessaa ilma Qiisii Saa'oliin hixaan qabe isaan ammo hennaa isa soqan hin argineen. Kanaaf isaan «Ammaa achi namni Rabbii ka gamana dhufu jiraa?» jedhanii gaafatan. Rabbi akkana jedhee isaanii deebise, «Inni kunoo meeshaa keessatti dhokateera» jedhe. Isaanillee fiiganii dhaqanii achii fidanii banii jidduu dhaabsisan baniin akka Saa'ol gurmuun isaa akka badha'aatii fi hojjaan isaa dheeraa banii maraa taru akka ta'e argan. Saamu'eel banii maraanuu, «Namni Rabbi filate kunooti nu jiddu'utti namni isa fakkaatu tokkollee hin jiru» jedhe; baniin maruu laagaa ol qabatanii, «Mootichi woggaa dheeraa haa jiraatu!» Jedha'aa ililfatan. Saamu'eel bani'itti waan mootii tokkoo ta'uufii barbaachisu maraa isaanitti hime; waan sanniin maraa kitaabatti barreessee Rabbiin afoo kaaye; achiin maayessa banii maraa gara mana ufii akka dacha'an godhe. Saa'olillee gara mana ufii gara Gibi'a'aa deebi'e; namoonni jajjabaan Rabbi onnee isaanii tuqellee isa woliin deeman; garuu namoonni adaba hin qabne tokko tokko «Amma namichi kun nu oolchuu danda'aa?» woliin jedhanii kennaa woyiituu uduu isaa hin finne tuffataniinii didan; Saa'ol ammo hin cadhise. Ji'a tokkoon maayessa mootiin Naa'oos Iyyaabiisii Gala'aadiin jala jirtutti duulee qachaa san marse; namoonni Iyyaabiisii maruu Naa'oosiin «Nuun wolii gali; nullee hojjattoota tee taanaa» jedhaniin. Naa'oosiin gosa Amooniillee, «Ija teessan ta mirgaa isin keessaa baasee, banii Israa'elii maraa haga salphiseen maayessa waadaa isin woliin gala» isaaniin jedhe. Manguddoonni Iyyaabiisii «Nu'u biyya Israa'elii marattuu ergamtoota akka erginu haga guyyaa torbaa nu eegi; achiin maayessa nama nu oolchu yoo dhabne si jalatti bullaa» jedhaniin. Ergamtoonni isaaniillee hulee Saa'ol jiru gara Gibi'a'aa dhaqanii waan kana bani'itti himan; baniin maruu laagaa ufii ol qabatanii booyan. Saa'ol Sangoota ufii faana deema'aa maasaa ufiitii dhufe; Saa'ol «Baniin maal ta'ee booya?» Jedhe; isaanillee waan oduu worri Iyyaabiisii qabatee dhufeen itti himan. Hennaa waan kana dhagaye Hafuurri Rabbii hunna gudda'aan Saa'oliin irratti bu'ee guddisee aaree lole. Sangoota qonnaa gala'aaruun sanniin mummuree foon isaanii hulee worri Israa'elii jiran marattuu ergamtootaan ergee «Namni Saa'olii fi Saamu'eeliin faanaa lolaaf hin baane sangaan isaan akkuma sangaa kanaa jalaa mummurama!» yaada jedhu ergamtoota ufiitiin hulee worri Israa'elii jiru marattuu erge; hennaa san baniin maruu Rabbiin sodaate; namni tokkollee uduu hin hafne maruu lolaaf bayan. Saa'ol hulee Beezeeq jedhamutti wolitti isaan qabe; ijoolleen Israa'elii namoota kuma dhibba sadihiiti; namoonni Yihuuda'aa garuu namoota kuma soddomaati. Ergamtoota Iyyaabiisii dhufaniin «Boru yoo aduun oo'e nu akka isin hambifnu banii keessanitti himaa'a» jedhe; ergamtoonni sunniinillee hennaa banii Iyyaabiisiititti himan, baniin Iyyaabiisii guddisee gammade. Worra Iyyaabiisiitiin «Nu'u boru harka isinitti kennannaa waan barbaaddan nu godhaa'a» isaaniin jedhan. Haga lafti bariite Saa'ol banii hulee sadihitti qoodee ganama irraa jalqabee haga aduun oo'itutti qe'ee worra Amoonii balaa itti buusanii isaan fixan; worri balaa irraa hafan bibittinnaayanii hojjuma ufii dheessan. Kanaan maayessa baniin Saamu'eeliin, «Namoonni Saa'ol nu irratti hin mooyu jedhan eennuun fa'a? isaan dabarsii nutti kenni isaan findhaa» jedhaniin. Saa'ol, «Adha Rabbi banii Israa'elii waan hambiseef namni tokkollee hin du'u» jedhe. Saamu'eel bani'iin, «Koottaa adha gara Gelgela'aa deemnee Saa'ol akka mootii keenna ta'e mirkaneessinaa» isaaniin jedhe. Baniin maruu gara Gelgela'aa dhaqanii achitti Saa'oliin Rabbiin afo'otti moosisaniin; achitti ciincaa fayyumma'aa Rabbii dhiyeessan; Saa'olii fi baniin Israa'elii maruu guddisanii gammadan. Saamu'eel worra Israa'elii maraanuu «Isinii dhagayee mootii isinii moosiseera; kunoo amma mootiin isin afoo jira; ani jaaree nama guddaa ta'eera. Ijoolleen tiyya kunoo isin woliin jirti; ani daa'imummaa kiyya irraa jalqabee isin afoo deemeera; Ani amma kunoo isin afoo dhaabadheera; mootii Rabbi dibee fi Rabbiin afo'otti mee natti ragaa'a; ani sangaa eennuu fudhadhe? harree eennuu fudhadhe? Eennuun sobe? Eennuun miidhe? Murtii qajeelaa dabsu'uuf eennuun irraa gabbarsuu fudhadhe? Waan kanniin maraa keessaa waan tokkollee yoo fudhadhee jiraadhe waan fudhadhe deebisu'uuf ani qophaayeera» jedhe. Isaanillee, «Ati nu hin sobne; waan hamaa nu irratti hin goone; nama harkaallee womaa hin fudhanne» jedhanii deebisaniif. Saamu'eelillee, «Akka isin waan tokko na irratti hin argine Rabbii fi ka Rabbi dibe adha isinitti raga'a!» isaaniin jedhe. Isaanillee, «ee Rabbi raga'a» jedhanii deebisaniif. Saamu'el bani'iin «Muuse'ee fi Aarooniin ka filate abboota teessan ka biyya Misiriitii baase Rabbi; ammallee waan woyyummaa Rabbii abboota teessanii fi isinii godhe maraaf ani Rabbiin afo'otti akka isin falmu as dhaabadhaa'a. Hennaa Yaaqoobii fi ijoolleen isaa biyya Misiriititti galan worri biyya Misirii isaan rakkisan; abboonni keessan gara Rabbii iyyan; Rabbillee Muuse'ee fi Aarooniin ergee isaan abboota teessan biyya Misiriitii baasanii lafa kanatti akka quphatan isaan godhe. Garuu baniin Rabbii Waaqa ufii irraanfatan; bulchaa duultota Aasoorii Siisaaraa, worra Filisxeemiitii fi mootii worra Moo'aabiititti dabarsee isaan kenne; isaanillee isaaniin wol lolan. Achiin maayessa isaan, ‹Rabbiin dhiifnee Ba'aaliimii fi Astaarootiin waan waaqeffanneef yakkineerra; amma yabo'oo diina keenna harkaa nu hambisi si waaqeffannalle'ee!› jedhanii Rabbitti iyyan. Rabbillee dura Yiruba'aaliin, Baarqi, Yooftaahe'ee fi Saamu'eeliin isaanii erge; isaan diintota naannoo isaanii jiran maraa jalaa isaan baasan isin ammo isinii tolee jiraattan. Mootichi ijoollee Amoonii Naa'oos akka isinitti dhufe hennaa argitan Rabbi mootii keessan uduu ta'ee jiru ‹Akki kun hin ta'uu mootii nuu moosisi!› naan jettan. «Amma mootii filattanii fi mootii barbaaddan laalaa'a Rabbi mootii isinii moosise. Yoo Rabbiin sodaattan, yoo isa Waaqeffattan, dubbii isaa yoo dhageeffattan, yoo ajaja Rabbii irratti dhara hojjachuu baattanii fi isinii fi mootiin isin irratti mooyellee yoo Rabbii Waaqaa keessan faanaa deemtan, waan misha'atu isinii ta'a. Garuu yoo dubbii Rabbii hin dhageenne, seera isaa irratti yoo dhara hojjattan isinii fi mootii keessan irratillee harki Rabbii hin jabaata. Kanaafuu amma jabaadha'aa dhaabadha'aa; maalalee guddaa Rabbi isin afo'otti godhu argitanii, Akkuma beettan hennaan kun hennaa qamadii haamaniimii? ani garuu gara Rabbii iyya; innillee gigissa'aa fi rooba erga; yoo kun ta'e isin waan akka mootiin isinii moowu kadhattaniif akka Rabbiin afo'otti waan hamaa guddaa gootan hin argitanii» jedhe. Kanaan maayessa Saamu'eel gara Rabbii iyye; gaafas Rabbi gigissa'aa fi rooba erge; Baniin maruu Rabbii fi Saamu'eeliin guddisanii sodaatan; Saamu'eeliin, «Yabo'oo nu akka hin dhumne Rabbii Waaqa kee nuu kadhadhu; cubbuu biraa hojjachuu irra lufnee mootii nuu moosisi jennee gaafachuu keennaan nu yakkamtoota ta'uu keenna hubanneerraa» jedhaniin. Saamu'eel bani'iin, «Hin sodaatinaa'a; waan hamaa kana gootaniirtan; garuu onnema keessaniin Rabbiin waaqeffadhaa'a malee duukaa isaa deemuu hin dhiisinaa'a. Waan hin daballe waan faayidaa hin qabne, ka nama hin fayyifne faanaa hin bu'inaa'a. Rabbi waan banii ufii isin godhachuu barbaadeef waan maqaa guddaa ufiitiif jedhee banii ufii hin dhiisu. Ani waan misha'aa fi karaa qajeelaa isin barsiisa malee waan keessaniif Rabbiin kadhachuu dhiisee Rabbiin yakkuun na irraa haa fagaatu. Isin Rabbuma callaa sodaadhaa'a waan guddaa gootan waan argitaniirtaniif dhugamaan isa waaqeffadhaa'a. Yoo waan hamaa hojjattan garuu isinii fi mootiin keessanillee hin baddan» jedhe. Saa'ol hennaa moowu nama woggaa soddomaa ture; worra Israa'elii irratti woggaa lamaa haga mooyeen maayessa, namoota kuma sadihii worra Israa'elii keessaa filate namoonni kuma lamaa isa woliin Maakisa'aa fi gaara Beeteelii gubbaa turan; namoonni kuma tokkoo Gibi'aa Biiniyaamiititti ilma isaa Yoonaataa woliin turan; banii hafe ammo akka gara daase'ee dacha'an godhe. Yoonaataan hulee Naasiib jedhamutti duula worra Filisxeemii dhaye; worri Filisxeemiillee kana dhagaye; Saa'ol worri Ibrootaa haa dhagayuu jedhee biyya marattuu xurumbaa afuufsise. Worri Israa'elii maruu akka Saa'ol duultota worra Filisxeemii dhaye, worri Israa'elii akka worra Filisxeemii biratti akka batti'iititti waan laallamaniif baniin maruu Saa'oliin faana deemanii Gelgela'atti wol gayan. Worri Filisxeemii worra Israa'eliitiin wol lolu'uuf wol gayan; loltuun konkolaataa fardaa kuma soddoma, worri fardaa namoota kuma jaha; isaan namoota baay'ee akka xidhacha galaanaa turan; achii ka'anii karaa Beetawweeniitiin gara baya biiftu'uutiin Maakimaasitti quphatan. Baniin guddisee waan sodaateef worri Israa'elii akka rakkinna guddaa keessa jiran haga argan baniin godaa fi qoree buura qilee kaloo dhaabaatii fi boolla keessatti dhokatan. Worra Ibrootaa keessaallee namoonni gariin laga Yoordaanosii ceeyanii gara biyya Gaadiitii fi biyya Gala'aadii dhaqan; Saa'ol garuu Gelgelamatti hafe; baniin maruu hollata'aa isa faanaa deeman. Saa'ol akkuma haaganaa Saamu'eel isaa qabeetitti Saa'ol Saamu'eeliin eegu'uuf haga guyyaa torbaa ture; garuu Saamu'eel haga hennaa saniititti gara Gelgela'aa hin deebine; sababaa kanaaf namoonni hedduu Saa'oliin dhiisanii biraa lixan. Kanaaf Saa'ool «Ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa naa fidaa» jedhee ciincaa ciincawu ka fayyumma'aa ciincesse. Haga inni ciincaa ciincessee raawwateen maayessa Saamu'eel dhufe Saa'ol akka Saamu'eel isa eebbisuuf gara isaa dhaqe. Saamu'eel garuu, «Wonti ati goote kun maali'i?» jedhee gaafate; Saa'olillee baniin na irraa fooyamee akka gargar faca'e; atillee waan hennaa haaganaa qabnetti hin dhufneef worri Filisxeemiillee akka Maakimaasitti wol gayan argee, ‹Uduma ani Gelgelaa jiru worri Filisxeemii balaa natti buusan jedhee ani ammo waan Rabbiin gargaarsa hin kadhanneef› jedhee ciincaa dhiyeessuun akka na barbaachisu hubadhee obsuu dadhabee ciincaa ciincesse» jedheen. Saamu'eel garuu Saa'ooliin «Ati womaa hin tolchine; ajaja Rabbi Waandhi kee si ajaje hin eenne; Rabbi banii Israa'elii irratti mootummaa kee jabeessee ijaaree ture; amma mootummaan kee jabaatee hin dhaabatu; Rabbi nama akka yaada isaa ta'e filateera; ati waan Rabbi si ajaje waan hin eenneef Rabbi banii ufii irratti akka mootii ta'u nama biraa muudeera» jedheen. Saamu'eel Gelgela'aa ka'ee deeme; baniin hafe ammo Saa'oliin faanaa gara loltoota ufii deeman; Gelgela'aa ka'anii gara Gibi'aa gara Biiniyaamii dhufan; Saa'ol banii isa woliin jiru tooyate; Saa'ol hennaa namoota ufii laakkayu haga namoota dhibba jahaa ta'an. Saa'olii fi ilmi isaa Yoonaataan baniin isaan woliin jirullee lafa Biiniyaamii Gibi'aa keessa jiraatan worri Filisxeemiillee Maakimaasitti quphatan. Duultonni worra Filisxeemii bakka sadihitti qoodamanii qabattee qabanii kushee ufii keessaa yaa'an; gareen tokko gara oofraa bulchiinsa Baashu'aalii dhaqan. Gareen lammeesso'oo gara karaa Beetihoorii naannaye, gareen sadeesso'oo ammo gara dhooqa gammoojjii Sibooyii fiduu naannaye. Worri Filisxeemii worra Ibrootaa guraade'ee fi woraana akka hin hojjanne waan dhoogganiif biyya Israa'eliititti namni sibiila tumee meeshaa woraanaa hojjatu hin argamne. Worri Filisxeemii maruu maarashaa, haamtuu, qottoo tumsiisu'uuf gara worra Filisxeemii dhaqan. Gatiin sibiila kanniin tumsiisu'uuf, qaccee sibiilaa ka sanga'aan oofan qarsiisu'uuf kaffalan birrii haga saqilii afurii ulfaatu; gatiin maarasha'aatii fi doomaa qarsiisu'uuf kaffalanillee dachaa saniiti. Kanaafuu guyyaa duulaa Saa'olii fi ilma isaa Yoonaata'aa achi loltoota worra Israa'elii keessaa namni guraade'ee fi woraana harkatti qabate hin jiru. Duulli worra Filisxeemiillee karaa gara Maakimaasii dhaqaniin bayan. Ilmi Saa'olii Yoonaataan gaaf tokko nama meeshaa woraanaa isaa baadhatuun, «Gara duula worra Filisxeemii haa dhandhuu» jedheen. Garuu Yoonaataan waan kana abbaa ufiititti hin himne. Hennaa san Saa'ol guddisee uduu Gibi'aa irraa hin fagaanne Megidoonitti muka Roomaanii ka biyya Gibi'a'aa jala taa'e; baniin isa woliin jiran banii haga dhibba jahaati; Obboleessi Ikaaboodii ilmi Akixoobii, ilmi Finihaasii, ilmi Eeli'ii ka Seelo'otti gadicha Rabbii ta'e Akiyaanillee Efuudii uffatee isa woliin jira; baniin akka Yoonaataan isaan biraa deeme hin beenne. Yoonaataan gara worra Filisxeemii ceewu'uuf karaa Makimaasiitiin lufuun waan isa barbaachisuuf karaa inni lufuun bita'aa fi mirgaan dhagaa luggee lamatu jira; maqaan dhagaa tokkoo booseed, maqaan dhagaa lammeesso'oo Seene'e. Dhagaa tokko Maakimaasiin gara kaabaatiin dhaaban; dhagaa lammeesso'oo ammo Gibi'aa cinaa kibbaatiin dhaaban. Yoonaataan nama meeshaa woraanaa isaa baadhateeruun, «Koottu gara duultota worra hin gadoomnee dhandhaa Rabbi nu gargaaraa nama hago'oo fi baay'eellee Rabbi fayyisuu hin dadhabuu» jedheen. Namichi meeshaa woraanaa isaa baate Yoonaata'aan, «Waan barbaadde maraa godhi; anillee onnee kiyya guutu'uun si woliin jiraa» jedheen. Yoonaataanillee akkana jedhe, «Nu'u amma gara namootaa ceenee isaanitti mudhanna. Yoo isaan ‹Nullee gara keessan dhufnaa nu eegaa› jedhan, nu achuma dhaabanna Garuu yoo isaan ‹Gara keenna koottaa› nuun jedhan Rabbi waan dabarsee isaan nuu kenneef gara isaanii dhandhaa kun malkata nuu haa ta'uu» jedhan. Isaan lachuu duultota worra Filisxeemiititti mudhatanii «Kunoo worri Ibrootaa qilee itti dhokatan keessaa yaa'aaran!» woliin jedhan. Duultonni worra Filisxeemii Yoonaata'aa fi namicha meeshaa woraanaa isaa badhatuun, «Gara keenna asi bayaa'a waa isinitti mudhifnaa!» jedhaniin; Yoonaataan namicha meeshaa woraanaa isaa baadhatuun «Rabbi banii kana harka Israa'eliititti dabarsee kenneeraa na faana koottu» jedheen. Yoonaataan harkaa miilaan baye namichi meeshaa waraanaa isaa baadhatulle isa faanaa baye; Yoonaataan worra Filisxeemii dimmaa balaa guddaa isaanitti buuse; namichi meeshaa woraanaa isaa baadhatullee namoota heddu ajjeesse. Yoonaataanii fi namichi meeshaa woraanaa isaa baadhatu naannoo maasaa tokko keessatti argamutti namoota diddamaa ajjeesan. Naannaya bani'iitii fi maasaa qe'e'ee jiddu'utti ammo guddisanii rom'an; worri qe'ee oolanii fi worri boojuu booji'uuf bayanillee hin rom'an, laftillee guddiftee sochoote; sodaan guddaan Rabbiin irraa namoota irratti ta'e. Duultonni Saa'olii Gibi'aa bulchinsa Biiniyaamiititti riphanii waan ta'e san uduu laala'aaran worra Filisxeemii ka guddisee rom'ee dheessa'aaru argan. Kanaafuu Saa'ol banii isa woliin jiruun, «Mee wol tooyadha'aatii nu keessaa namoonni hagamii akka deeman laalaa'a» isaaniin jedhe; yoo namoota tooyatan Yoonaataanii fi namichi meeshaa woraanaa isaa baatu isaan woliin hin jiran. Guyyaa san Akiyyaan ijoollee Israa'elii afo'otti «Efuudii waan uffatee tureef Saa'ol uffata san as fidi» jedheen. Saa'ol uduu gadicha woliin qaaqa'aaru ganda worra Filisxeemotaatitti rom'uun guddata'aa deeme; Saa'ol gadichaan, «Amma Rabbiin gaafachu'uuf hennaa hin qabnu» jedhe. Saa'olii fi baniin isa woliin jiran maruu wol gayanii lolaaf yaa'an. Achitti worri Filisxeemii dhama'anii wonti kun faallaa isaanitti ta'ee ufumaa guraade'een wol ajjeessa'aa turan; hennaa san guddisanii nayan. Worri dura Filisxeemota woliin ture ka naannaya isaaniitii yaa'an worri Ibrootaallee akkasuma gara hulee Saa'olii fi Yoonaataan woliin turanii Israa'eloota woliin ta'u'uuf garas gara galan. Namoonni Israa'elii ka gaara Efreemiititti dhokatan maruu haga akka worri Filisxeemii dheessan dhagayan isaanillee isaan woraanu'uuf isaan duukaa yaa'an. Rabbii gaafas worra Israa'elootaa badii jalaa baase; woraannillee gara Beetawweeniitiin lufe; baniin Saa'oliin woliin ture gara nama kuma kudhanii turan lolli gaara Efreemii keessatti olii gad bittinnaayee ture. Baniin Israa'elii guyyaa san guddisanii beelayanii dadhaban; «Waan haga diina kiyya haluu bawutti haga galgalaa namni waa afaaniin qabe ka abaarame haa ta'u!» jedhee banii kassiisee tureef baniin maruu womaa afaaniin hin qabne. Baniin maruu gara bosonaa nam'e; achi keessa dammatu ture. Baniin waan kakatee tureef damma lafatti coccophu san ka fuudhee afaaniin qabe hin jiru. Yoonaataan ammo hennaa abbaan isaa banii kassiisu hin dhageenne; ulee harka isaa jirtu qaccee isi'ii dammaan tuqee fuudhee afaaniin qabee jajjabaatee ija banate. Garuu banii keessaa namni tokko, «Abbee adha namni waa afaaniin qabe haa abaaramuu jedhee banii kassiiseera» jedheen. Yoonaataan, «Abbaan kiyya biyya rakkise; ani damma diqqoo tana afaaniin qabee akka ijji tiyya banamte argaa'a; silaa baniin kun uduu waan booji'e keessaa ka afaaniin qabee silaa diintota ufii worra Filisxeemii kana caalaa hin dhayuu?» jedhe deebise. Gaafas worra Filisxeemii Maakimaasiin irraa jalqabee haga Eeloonii isaan dhayan; hennaa san worri Israa'elii guddisanii beelayanii miidhaman. Kanaaf banii hoolota, sangootaa fi jabbilee diintota ufii harkaa booji'an fudhatanii lafatti qalanii dhiiguma woliin nyaatan. «Kunoo baniin foon dhiiga woliin nyaatanii Rabbiin yakkaniiran jedhanii Saa'olitti himan; Saa'ol, «Guddiftanii yakkitaniirtan, dhagaa guddaa gangalcha'aa as naa fidaa» isaaniin jedhe. Saa'ol «Banii keessa deema'aa namni maruu sanga'aa fi hoolaa qala'aatii nyaadhaa'a; dhiiga woliin nyaattanii Rabbiin hin yakkinaa jedha'aanii» jedhe; namni maruu sangaa qabu dhiyeessee achumatti qale. Saa'ol jalqabaaf achitti hulee ciinca'aa Rabbii hojjate. Saa'ol loltoota ufiitiin, «Halkanuma kana haga lafti bariitutti isaan hordofnee haa findhuu; nama tokkollee hin hambifnuu» jedhe. Isaanillee, «Waan sitti tole godhi» jedhaniin; gadichi «Gara Rabbii haa dhiyaannuu» jedhe. Saa'ol worra Filisxeemii hordofnuu? Worri Israa'elii akka isaan mooyatan gootaa jedhee Rabbiin gaafate; Rabbi ammo gaafas isaa hin deebifne. Saa'ol «Isin bulchoonni bani'ii maruu as koottaa'a; cubbuun kun adha sababaa eennuutiin akka ta'e beekaa arga'alle'e. Namni cubbuu kana hojjate ilma kiyya Yoonaataallee yoo ta'e hin du'a; akka du'aan adabamu Rabbii jiraataa banii Israa'eliitii mootee kenneen kakadhaa» jedhe; garuu namni deebii isatti deebise hin jiru ture. Achiin maayessa Saa'ol, «Isin baniin Israa'elii maruu gara tokko ta'aa'a; anii fi ilmi kiyya Yoonaataan ammo gara tokko taana» jedhe; baniin Saa'oliin «Waan sitti tole godhi» jedhaniin. Saa'ol Rabbii Waaqa Israa'eliitiin «Dhugaa mudhisi» jedhee kadhate Saa'olii fi Yoonaataan gara tokko ta'an; balleessaa kana Yoonaataa yookaan yoo ana ta'e Uuriimiin yookaan yoo banii Israa'elii ta'e Tumiimiin deebii naa deebisi.» Deebiin waan Saa'olii fi Yoonaataa bira ta'eef baniin bilisa baye. Saa'ol anaa fi ilma kiyya Yoonaata'atti hixaa buusaa» jedhe; hixaanillee Yoonaataa qabe. Saa'ol Yoonaata'aan «Waan goote natti himi» jedheen; Yoonaataan Saa'oliin «Ulee tiyya ta harkaa qabu tanaan damma diqqoo fuudhee afaaniin qabe kunoo ani amma hin du'aa» jedheen. Saa'ol «Rabbi natti haa murteessu; ati adabbii du'aa jalaa hin baatu!» jedheen. Baniin Saa'oliin «Yoonaataa waan guddaa akkanaa kana Israa'eliitiin jiddu'utti godhetu du'aa? kun hin ta'u; inni du'uu dhiisii rifeensi mataa isaatuu akka hin buqqaane maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakannaa wonti inni godhe kun maruu gargaarsa Rabbiin biraa ta'e» jedhan. Saa'ol worra Filisxeemii ari'uu dhiise; worri Filisxeemii deebi'anii gara biyya ufii galan. Saa'ol mootummaa ufii worra Israa'elii irratti hin jabeeffate; diintota naannoo isaa jiru worra Moo'aabii, ijoollee Aamoonii, worra Edomiyaasii, mootota worra Suuba'aa, worra Filisxeemii maraanuu wol lola'aa bakka dhaaqe marattuu mooyata'aa ture; inni nama janna ture; worra Amaaleeqootaa dhayee worra Israa'elii saamtota harkaa oolche. Ijoolleen dhiiraa ta Saa'olii Yoonaataa, Yasuwi'ii fi Milkisa'a; maqaan ijoollee isaa ta durbaa hangaftittiin Meeroob, ta maandha'aa ammo Meelkool. Maqaan haadha manaa Saa'olii Akinaahoom; isiin mucattii Akimaas uumate; maqaan bulchaa duultota isaa Abaanerii ilma Neerii eessuma Saa'oliiti. Abbaan Saa'olii Qiis; abbaan Abaaneerii Neerii ilma Abi'eeliiti. Saa'ol bara jireenna isaa maraa worra Filisxeemiitiin lola'aa dabarse; Saa'ol namoota jajjabaa yoo arge coka'aa lolaaf isaan qopheessa'aa ture. Saamu'eel Saa'oliin, «Rabbi akka ati banii Israa'elii irratti mootii taatuuf haa si muudu'uuf na ergee ati amma waan Rabbi siin jedhu dhagayi. Rabbiin Gooftaa banii maraa hennaa worri Israa'elii biyya Misiriitii bawu waan worri Amaaleqii karaa irratti eega'aa isaan irratti godha'aa ture ani haluu baya. Amma dhaqii worra Amaaleqii dhayi waan isaan qaban maraa balleessi; isaan hin dhiisin; dhiira, dubartii, ijoollee, daa'imman, sangoota, hoolota, Gaalaa fi harriin maraa ajjeesi» jedheen. Saa'ol banii Gelgela'atti wolitti qabee laakkaye; worri lafo'oo kuma dhibba lama, worri Yihuuda'aa ammo kuma kudhan turan. Saa'ol gara qachaa worra Amaaleqii dhaqee goda keessatti dhokate. Saa'ol worra Qeenotaatiin, «Ka'aa asii deemaa'a, waan hennaa worri Israa'elii biyya Misiriitii bawu waan isaanii arjoomtaniif worra Amaaleqii woliin akka isin hin balleessine isaan jiddu'uu baya'aa gad bu'aa'a» isaaniin jedhe; worri Qeenotaa isaan jiddu'uu bayanii deeman Saa'ol worra Amaaleqii Eewulaaxii jalqabee haga Suurii biyya Misirii afo'oo isaan dhaye. Mootii worra Amaaleqii Agaagiinillee uduma lubbu'uun jiru booji'e; banii maraa guraadee qara qabuun sirima isaan balleesse. Garuu Saa'ol Agaagii fi sangoota, hoolota, jabbilee, korbeeyyii mimmichuu maraa garaa nyaateenii hin balleessine waan tuffatama'aa fi waan duwwaa bu'aa hin qabne sirima balleesse. Saamu'eel ganamaan ka'ee gara Saa'olii Qarmeloositti itti dhaqe; Saa'ol qachaa Qarmeloosiitii gara hulee soodduu itti dhaabee gara Gelgala'aa akka deebi'e dhagaye; Saamu'eel gara Saa'olii dhaqe; Saa'ol, «Ati nama Rabbi eebbise ta'i; ani ajaja Rabbii raawwadheeraa» jedheen. Saamu'eel, «Wonti ani gurraan dhagawu laagaan hoolota madhattuutii fi sangoolee bookkiftuu kun maali'i?» jedhe. Saa'ol, «Baniin Rabbii Waaqa ufiitiif ciincaa dhiyeessu'uuf hoolotaa fi sangoolee mimmichuu worra Amaaleqii jalaa fuudhanii fidaniiran waan hafe ammo sirima balleessine» jedheen. Saamu'eel Saa'oliin «Mee waan Rabbi eda natti hime sitti himuu» jedheen. Innillee «Ee natti himi» jedheen. Saamu'eel, «Ati yoo laalcha diqqaallee ufiif qabaatte, ati bulchaa gosa Israa'elii hin taanee? Rabbi worra Israa'elii irratti muudee si moosiseera. Rabbi worra Amaaleqii cubbamtoota sirima balleessi; haga isaan lafa irraa badanitti isaan woraanii ajjeesi jedhee si erge. Ati maaf wonti boojite garaa si nyaatee waan Rabbi siin jedhe dhagawuu didde? Maaf waan hamaa Rabbiin afo'otti hojjatte?» jedheen. Saa'ol Saamu'eeliin, «Dubbii Rabbii dhagayeera, karaa Rabbi naan jedheenillee deemeera, mootii worra Amaaleqii Agaagiinillee booji'ee fideera; worra Amaaleqiillee sirima balleesseera, baniin ammo Rabbii Waaqa keetii Gelgala'atti ciincaa dhiyeessu'uuf hoolotaa fi korommii mimmichuu waan booji'an keessaa fidaniiran» jedheen. Saamu'eel, «Dhugamaan akka dubbii Rabbii dhagawuun nama gammachiisu, Rabbi horii qalamuu fi ciincaa ciincawutti hin gammadaa? kunoo ajajamuun ciincaa; caqasuun, ciincaa korbeessa hoola'aa dhiyeessu'uufii caala; diduun akka cubbuu mortu'uu morkachuu akka waan waaqa tolfama'aa fi taaraafiimiin waaqeffachu'uuti; ati amma waan dubbii Rabbii tuffatteef Rabbi akka ati mootii hin taaneef si tuffateera» jedheen. Saa'ol Saamu'eeliin, «Waan banii Sodaadhee dubbii isaaniillee dhagayee ajaja Rabbiitii fi dubbii kee dhagawuu dideef yakkeera; amma yabo'oo naa dhiisi, akka ani Rabbii sagadu koottuu na woliin deemi» jedheen. Saamu'eel Saa'oliin, «Waan dubbii Rabbii tuffatteef Rabbi akka ati Israa'eliin irratti mootii hin taane waan si dhiiseef, ani si woliin hin deebi'u» jedheen. Achiin maayessa Saamu'eel isa biraa lixe; Saa'ol garuu akka Saamu'eel isa biraa hin deemne; qaccee kaabba'aa qabnaan tarsa'e; Saamu'eel Saa'oliin, «Rabbi adha mootummaa kee ka ati Israa'eliin irraa qabdu biinxee nama sirra woyya'aa ka ollaa keetiitii dabarsee kenne. Rabbiin worra Israa'eliitii ulfinna ta'e akka namaa hin gaabbu; wonti akka namaa isa gaabbisiisu hin jiru; hin sobulle'e» jedheen. Saa'ol, «Ani balleesseera, amma ammo manguddoota banii kiyyaa afo'oo fi banii Israa'elii afo'otti yabo'ootii na hin salphisin; Rabbii Waaqa keetii akka ciincaa dhiyeessu na woliin deemi» jedhee kadhate. Saamu'eel Saa'oliin woliin deeme; Saa'ol ammo Rabbii Sagade. Saamu'eel, «Mootii worra Amaaleqii Agaagiin as natti fidaa'a» jedhe; Agaagillee hollata'aa gara isaa dhufe «Adaa duuti akkana hadhooftu'uu?» jedhe. Saamu'eel, «Akkuma guraadeen tee dubartoota finna dhabsiifte akkasuma haati teellee dubartoota jiddu'utti ta ijoollee dhabde taati» jedhee Saamu'eel Agaagiin Rabbiin afo'otti Gelgala'atti kukkuteen. Achiin maayessa Saamu'eel gara Raama'aa deeme; Saa'ol gara mana ufii Gibi'atti ol baye. Saamu'eel waan Rabbi banii Israa'elii irratti isa moosiseef haga guyyaa gaafa du'uutitti Saa'oliin Israa'eliin irratti moosisuu isaatiif hin gadde. Rabbi Saamu'eeliin «Saa'olii ani akka inni mootii hin taaneef tuffadhee haga yoomii bootta? Sayitii buucho'otti guuti; ani ijoollee isaa keessaa nama muudu qabaa gara Beeteel qe'ee worra Isseyii si ergaa» jedheen. Saamu'eel «Attamiin dhaqa? Saa'ol yoo dhagaye na ajjeesaa!» jedhe. Rabbi, «Raada takka qabadhuu dhaqii isii ciincaa godhu'uuf dhufe› jedhi. Isseyiin gara ciinca'aa waami; waan gootu ani sitti himaa nama ani sitti himu san naa muudi» jedheen. Saamu'eel gara Beeteliheemii dhaqee waan Rabbi isatti hime maraa godhe; manguddoonni biyyaa hollata'aa gara isaa dhufanii «Ati maal nagayuma dhuftee?» jedhaniin. Innillee, «Nagayuma dhufe! ciincaa Rabbii dhiyeessu'uuf dhufe; woyyoota ta'aa'a! gara hulee ciinca'aa na woliin koottaa'a» jedhe; Isseyii fi ijoollee isaa gara hulee ciinca'aa waamee isaan woyyoomse. Haga achi gayan Saamu'eel ilma Isseyii Eeliyaabiin argee «Namni Rabbi muudu kana» jedhe. Rabbi garuu Saamu'eeliin «Fuula isaatii fi dheerinna hojjaa isaa hin laalin; akka namni itti laalutti Rabbi waan hin laalleef isa tuffadheera» jedheen. Namni fuula laala; Rabbi ammo keessa garaa namaa laala» jedheen. Kanaan maayessa Isseyi ilma ufii Aminaadaabiin waamee gara Saamu'eelii fide; Saamu'eel «Kana Rabbi hin filanne» jedhe. Isseyi ammallee ilma ufii Saamaa gara isaa fide; Saamu'eel garuu, «Kanallee Rabbi hin filanne» jedheen. Isseyiin «Rabbi kanniin maraa hin filanne» jedheen. Saamu'eel Isseyiin «Ilma biraa ka hafe qabdaa?» jedheen. Inni, «Daa'imni diqqaan woyii hin jira; inni hoolota tissa» jedheen. Saamu'eel Isseyiin, «Haga inni dhufuuf ciincaa hin dhiyeessinuu nama itti ergii isa nuu waamsisi» jedheen. Innillee nama itti ergee waamsisee fijjisiise; mucaan diimaa ija keessa bareedu ture; Rabbi «Namni ani filadhe kanaa ka'ii muudi» jedheen. Saamu'eel buuchoo sayiti'ii fuudhee obboleewwan isaa jiddu'utti isa muude; guyyaa san irraa jalqabee Hafuurri Rabbii hunna gudda'aan Daawitiin irratti bu'e; Saamu'eel ka'ee gara Raama'aa dhaqe. Hafuurri Rabbii Saa'oliin irraa waan fagaateef hafuura hamaa Rabbi itti ergee isa rakkisa'aa ture. Garboonni Saa'olii, «Kunoo hafuurri hamaan Rabbi sitti erge si rakkisa'aara, nama kabalaa midhaassee sii dhawu akka sii soqan gooftaan worra isa tajaajilan keessaa namoota nuu haa ajajuu; yoo hafuurri hamaan Rabbi sitti erge sitti dhufe hennaa namni sun kabalaa dhawu ati fayyaa taata» jedhaniin. Saa'ol garboota ufiitiin «Nama kabalaa midhaassee dhawu soqa'aa naa fidaa'a» isaaniin jedhe. Garboota isaa keessaa namni tokko «Nama kabalaa midhaassee dhawu ilma Isseyii nama Beeteliheemii arge; inni nama jaba'a; dubbi'itti ogeessa; bifti isaallee bareeda; Rabbillee isa woliin jira» jedheen. Saa'ol gara Isseyii dhaamsa ergee «Ilma kee Daawitiin ka hoolota tissu naa ergi» jedheen. Isseyi buddeena qalqala daadhii woyini'ii uf keessaa qabu harre'etti fe'ee ilmoo re'e'eellee fuudhee ilma ufii Daawitii kennee gara Saa'olii erge. Daawiti gara Saa'olii dhaqee isa afoo dhaabate; Saa'olillee guddisee isa jaalate Daawiti loltuu isaa ta'e. Saa'ol gara Isseyii, «Daawiti na afo'otti waan gaachena argateef yabo'oo na bira haa dhaabatuu» jedhee dhaamsa itti erge. Hennaa san irraa jalqabee hennaa Rabbi hafuura hamaa gara Saa'olii ergu maraa Daawiti kabalaa ufii kaasee dhaya, yoo san hafuurri hamaan isa dhiisee waan deemuuf woyyatee fayyaa ta'a. Worri Filisxeemii hulee Suukooti jedhamtee beekkamtu Yihuuda'atti lolaaf wol gayanii Aazeeqa'aa fi Efersidaamiin jiddu'utti quphatan. Saa'olii fi worri Israa'eliillee wol gayanii dhooqa Eela'aatitti quphatanii worra Filisxeemiitiin lolu'uuf yaa'an. Worri Filisxeemiitii fi worri Israa'elii gaara gamaa fi gamanaa irra hiriiranii dhaabatanii turan; isaan jidduu dhooqatu ture. Gooliyaad namni biyya Geetii worra Filisxeemii keessaa ka hojjaan isaa ciqilee jahaatii fi taakkuu tokkoo jabaan gara isaanii dhufe. Inni gulloo sibiila diima'aa mata'atti godhatee uffata sibiilaa uffatee ture; madaalliin sibiilaa ka inni uffateeru saqilii shantamii torba. Luka isaa irra gambaallee sibiilaatitu jira; woraanni sibiilla diimaa irraa hojjatame gurmuu isaa irra jira. Soomayyuun woraana isaa akka soomaya jirbi'iin dhayaniiti. Madaalliin woraana isaa saqilii torba; namni isa woliin lolu isa afoo deema. Inni dhaabatee duultota worra Israa'eliititti, «Amma isin duulaaf wonti asitti wol geettaniif maal godhu'uuf? Ani nama Filisxeemiiti; isin garboota Saa'oliiti; eeganaa isin keessaa nama naan loluu danda'u tokko filadha'aatii inni gara kiyya dhufee naan haa loluu. Yoo inni naan lolee na ajjeese nu garboota teessan taanee isin jalatti bulla; yoo ani isa mooyadhee ajjeese garuu isin garboota teenna taatanii nu jalatti bultan jedhee dhaadate. Namichi worra Filisxeemii sun, «Ani adha duultota worra Israa'eliititti dhaadadhee nama naan lolu tokko naa kennaa!» Jedhe. Saa'olii fi worri Israa'elii maruu haga dubbii kana dhagayan guddisanii sodaatanii hollatan. Daawiti ilma Isseyii nama gosa Eefraata'aa ka Beeteliheemii Yihuudaa keessa jiraatuuti; Isseyi ilmaan saddeet qaba; bara Saa'ol mootii ta'u Isseyi umuri'iin nama guddaa ture; Ilmaan Isseyii gugurdoon sadiin Saa'oliin woliin duula dhaqan; maqaan ilmaan duula dhaxxee ka hangafaa Eeliyaabi, ka lammeesso'oo Aminaadaab ka sadeesso'oo ammo Saama'a. Daawiti nama maraa keessaa quxisu'u; ijoolleen sadiin gugurdoon Saa'oliin faanaa lolaaf bayan. Daawiti hoolota abbaa ufii tissu'uuf gara Beeteliheemii deddeebi'a. Namichi worra Filisxeemiillee ganamaa fi galgala dhufa'aa haga guyyaa afurtamaa mudhata'aa dhaadata'aa ture. Isseyi ilma ufii Daawitiin «Hamaamoo woddame iifii kudhanii fi hudhaamoo kudhanii qabadhuutii obboleewwan tee ta hulee lolaa jirtuu fidi. Shalalaa keree kudhanii kanallee qabadhuutii ajajaa loltuu kumaatitti fidii kennii waan obboleewwan tee keessa jiran gaafadhuutii deebi'i; Saa'olii fi ijoolleen sunniin worri Israa'eliillee dhooqa Eela'aatitti wol gayanii worra Filisxeemiitiin wol lola'aaranii» jedheen. Daawiti ganamaan ka'ee hoolota nama tissutti kennee waan Isseyi isa ajaje harkatti qabatee deeme worri Israa'elii lolaaf laagaa ufii ol qabanii uduu dhaadata'aaran Daawiti hulee lolaa gaye. Worri Israa'eliitii fi worri Filisxeemii wol lolu'uuf wol bira gayaniiran. Daawiti meeshaa ufii worra meeshaa eegutti kennee gara hulee duulaa fiigee waan obboleewwan ufii gaafate. Uduma inni isaan woliin qaaqa'aaru namichi ani worra Filisxeemii ka biyya Geetii duultota worra Filisxeemii keessaa bayee waan inni dubbate sanillee Daawiti dhagaye. Worri Israa'elii maruu haga namicha san argan guddisanii sodaatanii isa biraa dheessan. Worri Israa'elii, «Nama gaafuu Israa'eliin miidhu'uuf bawu kana argitanii? Nama nama kana ajjeese mootichi hin duroomsa; mucattii ufii itti heerumsiisa; worra Israa'elii keessatti maatiin abbaa isaa gibira akka hin gabbarre bilisa taasisa» woliin jedhan. Daawiti worra isa bira jiruun, «Nama nama Filisxeemii kana ajjeese nama waan hamaa worra Israa'elii irraa fageessuu maaltu ta'a? namichi duultota Rabbii jiraata'aa rakkisu fafichi worra Filisxeemii kun eennu?» jedhee isaanitti dubbate. Baniin nama nama kana ajjeesee waan kanatu ta'a jedhanii akkuma duraa san itti himan. Obboleessi isaa ka hangafaa Eeliyaab uduu Daawiti namoota woliin dubbata'aaru dhagayee Daawititti aaree, «Maaf as dhufte? hoolota hagoo lafa udumee keessatti eennutti dhiiftee garana as dhufte? ani uf jajuu keetii fi hammeenna onnee keetii hin beeka; ati woraana kana laalu'uuf dhufte!» jedheen. Daawiti «Ani maal godhe? Kun waan gudda'aa mitii?» jedhe. Daawiti isa irraa gara nama biraa garagalee gaafima san gaafate; isaan woma duraa san jedhanii deebisaniif. Wonti Daawiti jedhe hin dhagayame; namoonni hagoon waan Daawiti jedhe dhagayanii Saa'olitti himan; Saa'olillee nama itti ergee Daawitiin waamsise. Daawiti Saa'oliin «Waan isaatiif ennullee hin sodaatin; ani garbichi kee dhaqee namicha Filisxeemii saniin lola» jedheen. Saa'ol Daawitiin «Ati waan daa'ima taateef, inni garuu ijoollummaa ufii irraa jalqabee nama lolaa waan ta'eef dhaxxee nama Filisxeemii saniin loluu hin dandeettu» jedheen. Daawiti Saa'oliin «Ani garbichi kee hennaa hoolota abbaa kiyyaa tissu leencinii fi yeyyiin dhufanii yoo fudhatan; Ani faana fiigee dhayee afaanii buusisiisa'aa ture; yoma inni natti deebi'e kokkee isaa hudhee qabee ajjeesa; ani garbichi kee ka leencaa fi yeyyii dhawu namicha Filisxeemii faficha kana waan duultota Rabbii jiraata'aa kana tuttuqeef akkuma busaawaa hoolota nyaachu'uuf dhufu san godhe isallee akkasuma godha; Daawiti Rabbiin leencaa fi yeyyii jalaa na baase namicha worra Filisxeemii kana jalaallee na baasa jedhe; Saa'ol Daawitiin «Deemi Rabbi si woliin ta'aa» jedheen. Saa'ol Daawitiin uffata ufii itti uwwisee, gulloo ufii ka sibiila diimaa irraa hojjatame itti godhee uffata sibiila irraa hojjatame ka lolaa itti uwwise; Daawiti uffata akkanaa kana uffatee waan hin beenneef guraadee ufii uffata uffate gubba'aan hidhatee ka'ee deemu'uunii wollaale; kanaafuu Daawiti Saa'oliin «Uffata akkanaa kanniin waan uffadhee hin beenneef kanniin maraa uffadhee loluu hin danda'u» jedhee uffata sanniin maraa mulqate; ulee ufii fudhatee dhagaa ququunqoo shanii laga keessaa filatee fudhatee korojoo hennaa hoolaa tissu qabatu keessa kaayatee gara namicha worra Filisxeemii dhaqe. Namichi Filisxeemii sun gara Daawitii dhufe; loltuun isaallee afoo deema'aa ture. Gooliyaadi Daawitiin guuttatee laale; inni daa'ima diimaa bifa bareedu ture; Gooliyaadi hin tuffateen. Namichi Filisxeemii sun Daawitiin, «Ani sare'ee ka ulee qabattee natti dhuftuuf?» jedheen; namichi Filisxeemii sun maqaa waaqolee tolfamaa ufii sanniiniin Daawitiin abaare. Filisxeemichi sun Daawitiin «As koottu foon kee allaatti'ii fi busaawa'aa kennaa» jedheen. Daawiti ammo Filisxeemichaan, «Ati guraadee, ebo'oo fi woraana qabattee natti dhufta; ani garuu adha maqaa Rabbii loltoota Israa'elii ka ati itti dhaadattuu saniin maqaa Rabbii Gooftaa loltoota kanniiniitiin sitti dhufa. Rabbi adha akka ani si mooyadhu godha; ani si dhaya morma kee si irraa mura; reeffa worra loltoota Filisxeemii allaatti'ii fi busaawaa lafa irra jiraatuu kenna; kunillee Waandhi Israa'elii akka jiru akka beettu, Baniin kunillee Rabbi akka guraade'ee fi woraanaan fayyisu akka hin taane akka beekuu fi lolli ka Rabbii waan ta'eef Rabbi akka nu isin mooyannu godha» jedheen. Namichi worra Filisxeemii Daawitiin miidhu'uuf hennaa gara isaa dhufe Daawiti Gooliyaadiin lolu'uuf gara hulee lolaa fiige. Daawiti harka ufii korojoo keessa kaayee dhagaa takka keessaa fudhatee furaanfurrisa keessa kaayee darbatee kallachaan itti galche; dhagaan kallacha keessa seene innillee kallachaan kufe. Akkaataa kanaan Daawiti namicha Filisxeemii san furaanfurrisaan dhagaa darbatee dhayee ajjeesee mooyate; Daawiti guraadee harkaa hin qabu ture. Daawiti fiigee namicha Filisxeemii reeffa Gooliyaadii irra dhaabatee guraadee isaa qola keessaa luqqisee morma isaa mure. Worri Filisxeemii janni isaanii akka du'e haga argan hin dheessan. Achiin maayessa worri Israa'eliitii fi worri Yihuuda'aa ka'anii ililfata'aa dhaadata'aa worra Filisxeemii haga biyya Geetiitii fi Asqaloona'aa isaan ari'an; reeffi worra Filisxeemii keessaa biyya Sha'aaraa'imii irraa jalqabee haga biyya Geetiitii fi Aqaaroonii worri karaa irratti dhayaman karama irratti kufe. Worri Israa'elii worra Filisxeemii ari'uu dhiisanii gara qe'ee isaanii deebi'anii qe'ee isaanii saaman. Daawiti mataa namicha Filisxeemii san qabatee gara Yeruusaalemii dhufe; woraanaa fi wontee ufii garuu daasema keessatti dhiise. Saa'ol hennaa Daawiti gara namicha biyya Filisxeemii dhaqu argee, ajajaa loltootaa Abeeneriin, «Mucaan kun ilma eennuuti?» jedheen; Abeenerillee, «Mootii kiyya! ani lubbuu teetiin kakadhee ilma eennuu akka ta'e hin beeku» jedheen. Mootichi «Mucaan kun ilma eennuu akka ta'e gaafadhu» jedhee isa ajaje. Kanaafuu Daawiti hennaa Goliyaadiin ajjeesee gara hulee loltoonni jiraatanitti deebi'e; Abeener isa simatee gara Saa'olii fideen; hennaa san Daawiti mataa Goliyaadii harkaa qaba ture. Saa'ol «Ati mucaa nana ilma eennuuti?» jedhee isa gaafate; Daawiti «Ani ilma Isseyii hojjataa kee ka Beeteeliin keessa jiraatuuti» jedhee deebiseef. Daawiti hennaa Saa'olitti dubbatee raawwate Yoonaataan ilmi Saa'olii Daawitiin goshoo ta'ee akka lubbuu ufiititti isa jaalate. Guyyaa san irraa jalqabee Saa'ol Daawitiin gara mana abbaa isaa akka hin galle dhooggee gara mana ufii galateen. Yoonaataan waan Daawitiin akka lubbuu ufiititti jaalateef isa woliin waadaa gale. Uffata ufii ka ulfinnaa mulqatee, guraadee ufii, buundhe'ee fi sabbata ufii Daawitiin badhaase. Daawiti garuma Saa'ol isa erge maraa dhaqa; waan godhu maraa waan qalbi'iin godhuuf Saa'ol loltoota maraa irratti isa muude; wonti kun maruu banii, loltootaa fi ajajoota loltootaa maraa hin gammachiise. Hennaa Daawiti namicha Filisxeemii ajjeesee galu dubartoonni faarfata'aa sirba'aa, ililfata'aa, dibbee qabatanii mootii Israa'elii Saa'oliin simachu'uuf qachoota Israa'elii maraa keessaa bayan. Dubartoonnillee, «Saa'ol kuma ajjeese! Daawiti garuu kumaatama ajjeese!» jedha'aa wol jalaa qaba'aa sirba'aa turan. Saa'oliin garuu wonti kun waan guddisee isa aarseef, «Daawitii kumaatama, anaa garuu kuma kennan mootummaa kiyya malee maaltu isa hafe!» jedhe. Guyyaa san irraa jalqabee Saa'ol Daawitiin ija hinaaffa'aatiin laale. Bariisaa san Saa'oliin hafuurri hamaan Rabbiin biraa ergame dhufee isa qabe; achiin maayessa inni mana ufii keessatti akka maraattu'uutitti qaaqa'aa ture; Daawiti akkuma duraanii meeshaa faaru'uutiin taphata'aa ture; Saa'ol ammo sibiila ufii harkatti qabateera. Saa'ol, «Daawitiin woraanee dhaaba manaatiin wolitti isa maxxansa!» jedhee sibiilaan darbate; inni garuu harka lama jalaa miliqe. Rabbi waan Saa'oliin irraa fooyamee Daawitiin woliin jiruuf Saa'ol Daawitiin sodaate. Kanaafuu Saa'ol uf biraa isa fageessee ajajaa loltuu kumaa taasisee isa erge. Daawiti waan godhu maraa qalbi'iin godha; Rabbi waan isa woliin ta'eef wonti maruu hin qajeelaaf. Saa'ol akka inni guddisee qaroo ta'e argee guddisee isa sodaate. Garuu waan inni isaan afo'otti baya'aa galuuf baniin Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa maruu Daawitiin jaalatan. Achiin maayessa Saa'ol Daawitiin «Mucattiin tiyya ta hangafaa Meeroob kunooti; ani isii sitti heerumsiisa; atummaan naa qaroomi; waan lola Rabbiitiifillee janna ta'i» jedheen; Saa'ol wonti waan kana jedheef ufii isa ajjeesuu hin barbaadu akka inni harka Filisxeemotaatitti du'uuf. Daawiti «Ani eennu ka mooti'iin soddaa ta'u? gofti abbaa kiyyaatii fi maatiin kiyya banii Israa'elii keessatti maali'itti laakkayama?» jedheen. Garuu hennaan Meeroob Daawititti heerumtu gaye nama biraa ka biyya Mahaalaataawiitii dhufe ka Eesidiri'eel jedhamutti heerumsiise. Haa ta'uu malee mucattiin Saa'olii ta Milkool jedhamtu Daawitiin jaalatte; Saa'ol haga waan kana dhagaye hin gammade. Inni onnee ufii keessatti «Milkooliin Daawitii kenna isii akka Daawitiin naa qabsiiftu godha; achiin maayessa inni harka worra Filisxeemiititti du'a» jedhee yaade; kanaafuu Saa'ol Daawitiin hennaa lammeesso'oo waamee, «Soddaa naa taata» jedheen. Saa'ol hojjattoota ufiitiin «Waan mootichinii fi hojjattoonni isaa maruu guddisanii si jaalataniiraniif soddaa mootichaa ta'i jedha'aatii dhossa'atti Daawititti himaa'a» jedhee isaan ajaje. Hojjattoonni Saa'olii dubbii kana dhaqanii Daawititti dhossa'aan itti himan; Daawiti hojjattoota Saa'oliitiin «Namni akka kiyyaa hiyyeessi kun soddaa mooti'ii ta'uun waan salphaa isinitti fakkaataa?» isaaniin jedhe. Hojjattoonni Saa'olii Daawiti akkana jedhe jedhanii isatti himan. Saa'ol Daawiti akka harka worra Filisxeemotaatitti du'u yaadee mootichi, «Diintota mootichaa keessaa misa nama dhibbaa malee gabbara biraa si irraa hin barbaadu» jedha'aa Daawititti himaa'a isaaniin jedhe. Hojjattoonni Saa'olii dhaqanii Daawititti himan; Daawitillee soddaa mootichaa ta'u'utti hin gammade. Daawitii fi loltoonni isaa ka'anii lolaaf deemanii worra Filisxeemii keessaa nama dhibbaa ajjeesanii misa nama dhibbaa laakkayee itti kenne; kanaafuu Saa'ol mucattii ufii Milkooliin Daawititti heerumsiise. Saa'ol akka Rabbi Daawitiin woliin jiru arge; worri Israa'elii maruu hin jaalataniin. Saa'ol Daawitiin guddisee sodaatee bara jireenna ufii maraa diina Daawitii ta'e. Loltoonni Filisxeemii hennaa maraa dhufa'aa lola'aa turan; garuu hennaa lolaa maraa ajajoota loltootaa ka Saa'olii caalaa Daawititu irra mooyata ture; sababaa kanaaf Daawiti guddisee nama gurra dhagayate ta'e. Saa'ol Daawitiin ajjeesaa jedhee ilma ufii Yoonaata'aa fi garboota ufii marattuu hime; Yoonaataan garuu Daawitiin guddisee jaalata. «Inni boru ganama Saa'ol abbaan kiyya si ajjeesuuf ta'aa uf eeggadhu dhokadhuu taa'i; ani abbaa kiyya bira dhaqee waan kee isatti hima waan ta'u laalee sitti hima» jedhee Daawititti hime. Yoonaataan waan Daawitii galatoonfata'aa Saa'oliin akkana jedhe «Mootii kiyya! Daawiti garbichi kee waan mishaa sii hojjate malee si hin yakkine; atillee isa hin miidhin jedhe. Inni uduu lubbuun isaa garaa hin nyaatin Gooliyaadiin ajjeese; Rabbillee Israa'eliif mooyicha guddaa godhe; atillee mootee san argitee gammaddeerta; kanaaf maaf duwwamatti lubbuu isaa baafta?» Saa'ol dubbii Yoonaata'aa dhagayee dhugaa Rabbii jiraata'aa hin ajjeesu jedhee kakate. Achiin maayessa Yonaataan Daawitiin waamee dubbii kana maraa isatti himee gara Saa'olii isa geesse; achiin maayessa Daawiti akkuma duraatitti mooticha afo'otti argame. Filisxeemiin keessaa Daawiti ammallee namoota baay'ee ajjeese; namoonni hafan garuu baqatanii badan. Guyyaa tokko hafuurri hamaan Rabbiin biraa gara Saa'olii dhufe; yoo san Saa'ol eboo qabatee mana ufii keessa taa'a Daawiti garuu kabalaa dhaya'aa ture. Saa'ol Daawitiin woraanee dhaaba manaatiin wolitti maxxansu'uuf ebo'oon darbate; Daawiti garuu jalaa miliqee eboon dhaaba manaa woraante; Daawiti halkanuma san dheessee baye. Saa'ol namoota Daawitiin halkan eeganii bariisaa ajjeesan gara mana Daawitii erge; haati manaa Daawitii Milkool Daawitiin, «Yoo edana dhokachuu baatte boru hin duuta» jette. Isiin fodda'aan isa buuftee jalaa dheessee baye. Achiin maayessa isiin waaqa tolfamaa fuutee siree irra ciibsitee boraasiftee uffata itti uwwifte. Daawitiin qabsiisu'uuf Saa'ol hennaa namoota itti erge haati manaa isaa Milkool garuu hin dhukkuba jetteen. Saa'ol garuu namoota uf irra deebisee «Anuu hin ajjeesaa siree woliin fuudha'aa as fidaa'a» jedhee isaan erge. Gara manaa dhaqanii yoo ol seenan waaqa tolfamaa mana keessatti siree irratti argan; mataa irra wonta rifeensa re'e'ee irraa dhayametu jira. Saa'ol Milkooliin, «Maaf na sobdee diinni kiyya akka baqatu goote?» isi'iin jedhe; Milkool ammo «Isatu yoo ati ana baasuu dhabaatte si ajjeesa» naan jedhe jettee deebifte. Daawiti baqatee bayee Raamaa hulee Saamu'eel jiru dhaqee waan Saa'ol isa godhe maraa itti hime; achiin maayessa Saamu'eeliin woliin hulee Naayootiin jedhamtu dhaqanii achi taa'an. Daawiti biyya Raamaa keessaa hulee Naayoot jedhamtu akka jiru Saa'ol dhagaye. Kanaafuu Saa'ol namoota Daawitiin qaban erge; isaan hennaa achi gayan raattonni wol gayanii Saamu'eel bulchaan isaanii hennaa dhaabatu argan; Hafuurri Rabbii isaanitti dhufee isaanillee raaga dubbachuu jalqaban. Dubbii kana Saa'olitti himnaan Saa'ol namoota biraa erge; isaanillee raaga dubbatan; Saa'ol ammallee hennaa sadeesso'ootiif namoota biraa ka dhaamsa geessan erge; isaanillee raaga dubbatan. Saa'ol aaree achiin maayessa ufumaa gara biyya Raamaa boolla guddaa ka bisaan Seekuu keessa jiruu bira dhaqee «Saamu'eelii fi Daawiti eessa jiran?» jedhee gaafate; namni tokko isaan Raamaa keessa Naayootiin jiran jedheen. Saa'ol uduu Raamaa keessaa gara Naayootii dhiyaateeru Hafuurri Rabbii isa irrattillee bu'e; karaa irratti uduu Raamaa hin geenne raaga dubbata'aa deema'aa ture. Inni hennaa gara Saamu'eelii dhufu uffata ufii mulqatee raaga dubbate; halkanii fi guyyaa nafa qullaa achi oolee bule; «Saa'olillee akka raattotaa nama raagu ta'ee?» jedhanii sababaan waan kana dubbataniif kanaaf. Kanaan maayessa Daawiti Naayootii Raamaa keessa jirtuu baqatee deemee Yoonaataa bira dhaqee «Ani maal godheen? balleessaan kiyya maali'i? Abbaa kee afo'otti cubbuu maal hojjadhe ka na ajjeesuu barbaadu?» jedhee gaafate. Yoonaataan «Kun hin ta'u; ati hin duutu; abbaan kiyya waan gudda'aa fi waan diqqoollee uduu natti hin himin hin hojjatu! waan kana maaf na dhossa ree? lakki akkasii miti» jedheen. Daawitillee, «Akka ani si afo'otti gaachena argadhe dhugamaan abbaan kee hin beeka; inni Yoonaataan akka natti hin gaddine akka hin beenne jedha; garuu dhugaa maqaa Waaqa jiraata'aatii fi lubbuu teetiin sii kakadha anaa fi du'a jidduu tarkaanfii tokkotu hafe» jedhee kakate. Yoonaataan «Waan ati barbaaddu maraa ani sii godha» jedheen. Daawitillee «Boru ayyaana baatiin baatu waan ta'eef anillee mooticha woliin nyaadha; amma garuu haga iftaan galgalaatitti akka dhokadhuuf tole naa jedhi» jedhe. «Maal laataa yoo abbaan kee na soqe maatiin Daawitii maruu ciincaa wogga'aa waan dhiyeessaniif Daawiti gara qachaa Beeteliheemii dhaqu'uuf na gaafateera jedhi. Yoo mootiin maarre jedhe ani akka nagayaan jiraadhu hin beeta; yoo mootichi lole ammo akka na miidhu'uuf murteeffate hin beettaa. Ati Rabbiin afo'otti ana garbicha keetiif waan waadaa galteef waan mishaa naa godhi; yoo ani yakkee jiraadhe harkuma keetiin na ajjeesi malee gara mootichaa na fiddaa ree?» jedhe. Yoonaataan ammo, «Waan kana horoma hin yaadin! si irratti uduu waan hin taane yaadee jiraadhe kana siin jedhaa?» jedheen. Daawiti Yoonaata'aan, «Yoo abbaan kee dubbii hamaa sii deebise eennutu natti hima?» jedhee gaafate. Yoonaataan Daawitiin «Koottu! gara raasa'aa baanaa!» jedhe; isaan lamaanuu gara raasa'aa bayan. Yoonaataan Daawitiin «Boru hennaa kana yookaan iftaan hennaa akkanaa yaada abbaa kiyyaa gaafadhee ka'ee yoo inni yaada mishaa sii qabaate nama ergee sitti himaa Rabbi Waandhi Israa'elii naa raga'a! Yoo si miidhuu barbaade garuu sitti himee nagayaan akka ati deemtu yoo hin goone Rabbi miidhaa akkasii anatti haa fidu horoma ka san caalu natti haa dabalu; Rabbi akkuma abbaa kiyya woliin ta'e si woliinillee haa ta'u. Waadaan kun akkuma jirutti haa jiraatuu; ka waadaa kana diige garuu Rabbi itti haa murteessu» jedheen. Yoonaataan Daawitiin «Akka lubbuu ufiititti waan jaalatuuf dhugamaan akka na jaalattu akka beeku ammallee naa kakadhu» jedheen. «Boru guyyaan ayyaana baatii haarawaati; yoo teessoon kee duwwaa ta'e ati hin yaadatamta. Ati ammo iftaan gara hulee duraan dhokattee turte sanitti gad bu'i dhagaa Ezelii biratti dhokadhu. Ani gara cinaa dhaga'aatiin malkataaf eboo sadihii darba. Achiin maayessa mucaa tokkoon ‹ka'ii eboo soqi jedhee eboo sii as jiru fuudhii koottu yoo jedheen dhugaa Rabbii nagayaan koottu. Garuu mucaa saniin, ‹eboo sii achi jirtu fuudhi yoo jedheen Rabbi sii geegessuu isaatii achumaan deemi› jedhe. Waan anii fi ati woliin qaandhe kana Rabbi anaa fi si jiddu'utti ragaa baya.» Kanaaf Daawiti bosona keessatti dhokatee ture; guyyaa ayyaana baatii haarawaa garuu Saa'ol nyaatu'uuf taa'e. Mootiin akkuma baratetti teessoo isaa ka ulfinnaa ka dhaaba manaa bira jiru irra taa'ee ture; hennaa san Yoonaataan mooticha afoo dhaabateera, Abeener ammo mootichaa bira taa'eera; huleen Daawiti taa'u garuu duwwaa ture; Garuu Saa'ol guyyaa kana hin dubbanne garaa ufii keessatti «Daawiti akka seeraatitti waan hin qulqulloofneef hafe; inni dhugamaan hin qulqulloofne» jedhee waan yaadeef. Ayyaana baatii guyyaa lammeesso'oollee huleen Daawitii waan duwwaa tureef, «Saa'ol ilmi Isseyii Daawiti kaleessaa fi adhallee maali'iif nyaata kana irratti hin argamne?» jedhee ilma ufii Yoonaataa gaafate. Yoonaataan garuu «Daawiti gara Beeteliheemii deemu'uuf na gaafate. Maatiin keennaa fi ani qachaa keenna keessa ciincaa waan dhiyeessaniif jedhe obboleessi kiyya akka ani dhaquuf ana ajajeeraa yabo'oo na hoffolchi yoo si afo'otti gaachena argadhee jiraadhe dhaqee obboleewwan tiyya laalee deebi'aa na hoffolchi waan naan jedheef ani isa hoffolche; kanaaf affeerraa kana irraa dhabame» jedheen. Hagasitti Saa'ol Yoonaata'atti aaree bobayee, «Ati ilma intala dabdu'uu fi micciiramtu'uu ilma Isseyii ka sii fi haadha si deette salphisu'uuf akka wolii galte ani sirri'itti beeka! Ilmi Isseyii lubbu'uun uduu jiru atii fi mootummaan kee jabaattanii hin dhaabattan; isa ajjeesuu woyyaa amma nama itti ergii garana fijjisiis!» jedhe. Yoonaataan abbaa ufii Saa'oliin «Inni maal godhe? maaf du'a?» jedhe. Sababa kanaaf Yoonaataa ajjeesu'uuf eboo qabateeruun darbateen; kanaaf Yoonaataan abbaan isaa Saa'ol Daawitiin ajjeesuu akka murteeffate hubate. Yoonaataan waan Daawitiitiif waan gaddeef aaree hulee nyaataatii ka'e; guyyaa lammeesso'oo womaa hin nyaanne abbaan isaa Saa'ol Daawitiin ajjeesu'uuf waan murteeffateef guddisee gadde; guyyaa ayyaana baatii haarawaa nyaata hin nyaanne. Bariisaa Yoonaataan akkuma haaganaa isaaniititti Daawitiin argu'uuf gara raasa'aa deeme; hennaa deemu mucaa diqqaa tokko qabatee deemeen. Mucaa saniin «Daddafii deemi; woraana ani darbu naa soqi jedhe; mucaanillee hin fiige Yoonaataan woraana isa irra dabarsee darbe. Mucaan hennaa gara hulee Yoonaataan woraana buusee gayu Yoonaataan isa waamee «Uf afoo ariifadhuu achi deemi! jedheen. Yoonaataan ammallee mucaa waamee dafii ariifadhuu deemi hin dhaabatin» jedheen; mucaanillee eboowwan guuree gara Yoonaata'aa dhaqe. Dhossaa kana ka beeku Yoonaata'aa fi Daawitiin callaa ture. Yoonaataan, «Woraana san itti kennee muca'aan gara qacha'aa deemi» jedheen. Mucaan haga lixeen maayessa Daawiti dhagaa gara bita'aa hulee itti dhokatee ka'ee kallacha ufiitiin haga lafa gawutti gad jedhee hennaa sadihii sagade; inninii fi Yoonaataan hennaa wol dhungatanii wolitti booyan Daawiti Yoonaataa caalaa booye. Achiin maayessa Yoonaataan «Nu lamaan jidduu, Rabbi ana fi si jiddu'utti, fixaa keetii fi fiixaa kiyya jidduu baraa haga bara baraa Rabbi ragaa haa ta'u jennee maqaa isaatiin wolii kakanneerra; kanaaf nagayaan taa'i» jedhee Daawiti ka'ee deeme; Yoonaataanillee gara qacha'aa gale. Daawiti gara qachaa Noobii ka gadicha Abemelekii dhaqe gadichillee nayee hollata'aa gad bayee, «Namni tokkollee si bira hin jiruu maali'iif hojja kee deemta?» jedheen. Daawitillee Abemelekii gadichaan akkana jedhe «Mootiin Saa'ol waan ani ajaje sii erga nama tokkottillee hin himin jedhee na ajajeera; kanaafuu namoota kiyya woliin hulee itti wol arginu isaanitti himeera.; Mee maal uf biraa qabda? buddeena shan yookaan waan uf biraa qabdu naa kenni» jedhe. Gadichi Daawitiin «Buddeena woyyoome malee buddeenni biraa ka baniin nyaatu hin jiru; worri si duukaa deeman yoo dhiyoo keessa dubartoota bira hin geenne ta'e buddeena kana nyaachuu hin danda'an» jedhee deebiseef. Daawiti ammo deebisee gadichaan, «Hennaa namoota kiyya woliin ergamnee deemnu maraa dubartoota irraa hin fagaanna; hennaa ergama salpha'aaf deemnullee namoonni kiyya qulqullummaa ufii hin eegan; adha ammo hagam qulqullummaa ufii eeggachuu isaan barbaachisa ree?» jedheen. Nyaata Rabbii woyyoome kana malee nyaanni biraa waan hin jirreef gadichi buddeena woyyoome ka Rabbiin afoo jiru fuudhee Daawitii kenne; kanaafuu adhuma buddeenni oo'aan bakka haa bu'uu jedhe. Gaafas bulchaan tissee Saa'olii tokko ka Dooyiqi jedhamu ka gosa Edoomii seera amanti'ii raawwatu'uuf achi jira. Daawiti ammo «Hajaan mooti'ii ariifachiisaa waan ta'eef ani guraadee yookaan meeshaa lolaa waan hin finneef ati guraadee yookaan eboo uf biraa qabdaa?» jedhee Abemelekiin gaafate. Abemelek ammo, «Guraadee Gooliyaadii Filisxeemii ka ati dhooqa Eela'aa keessatti ajjeefteentu Efuudi'iin maramee na bira jira malee ka biraa hin jiru; isa fudhachuu yoo barbaadde isa fudhadhu» jedhe. Daawiti, «Guraadeen akka guraadee isaa hin jiru; isuma naa kenni» jedheen. Daawiti Saa'oliin dheessu'uuf guyyama san ka'ee gara hulee Akiish jedhamtuu gara mooti Gaatii dhaqe. Bulchoonni hojjattoota Akiishii ka biyya irratti mooye kun Daawitiimii? Saa'ol kuma; Daawiti ammo kuma kumaatama ajjeesse jedha'aa ka dubartoonni sirbaniif isaamii? jedhanii Akiishiin gaafatan. Dubbii dubbatan kana dhagayee Daawiti mootii Gaatii Akiishiin guddisee sodaate. Waan jara sodaateef uduma jara jidduu jiru akka nama qalbii dhabee ta'ee afaan balbalaa irratti gatantaree gorora ufii areeda ufii irra yaasee nama maraattuu uf fakkeesse. Akiish hojjattoota ufiitiin «Namni kun maraattuu akka ta'e hin arginee maaf gara kiyya fiddan? Na bira namni maraattuun dhabamee jennaan namicha kana gara kiyya fiddanii namichi kun nama mana kiyya seenuu?» isaaniin jedhe. Daawiti qachaa Gaatiitii dheessee gara goda naannoo qachaa Adoolaamii jirtuu dhaqe; obboleewwanii fi maatiin abbaa isaa martinuu haga waan kana dhagayan gara isaa dhaqanii itti makaman. Worri rakkatan, worri liqaa uf irraa qaban, worri jireenni isaan jibbisiise maruu isa biratti wol gayan; namoonni isa biratti wol gayan namoota dhibba afur; inni bulchaa isaanii ta'e. Daawiti achii bayee gara qachaa Mitsipha'aa ta Moo'aabiin keessa jirtuu dhaqee mootii biyya Moo'aabiitiin «Waan Rabbi naa godhu haga beekutti yabo'oo abbaan kiyyaa fi haati tiyya si bira naa haa taa'anii» jedheen. Akkaataa kanaan maatii ufii akka mootii Moo'aabii bira taa'an godhe; isaanillee haga bara Daawiti dhokatee goda keessa taa'uu mara achuma taa'an. Kanaan maayessa raattichi Gaadi gara Daawitii dhaqee «Asi hin turin amma ariifadhuu gara biyya Yihuuda'aa deemi» jedhee itti hime; kanaaf Daawiti ka'ee bosona Keereetiititti gale. Gaafa tokko Saa'ol, Daawitii fi namoonni isa woliin jiran akka argaman dhagayee Saa'ol eboo ufii qabatee qachaa Gibi'a'aa keessa Tulluu irratti muka lafa gammoojji'ii tokko jala ta'a'aa ture; ajajoonni loltoota isaa isa bira dhaabatanii turan. Saa'ol loltoota isa bira jiraniin «Isin namoota Biiniyaamii Daawiti lafa qonnaa isinii hin kennaa ree? isin maraa ajajaa kumaatii fi ajajaa dhibbaa isin taasisaa? Isin maruu mari'iif natti kaatan? ilmi kiyya ilma Isseyii woliin hennaa waadaa seenan namni tokkollee anatti hin himne; hennaa ilmi kiyya loltoota natti kakkaase akkuma adhaa kana inni riphee akka ana eeggatu godhe; isin keessaa namni tokkollee kana natti hin himne» jedhe. Hennaa san loltoota Saa'olii keessaa Dooyiqi Edoomtichi achi dhaabatee «Ilmi Isseyii gara qachaa Noobii Abemelekii ilma Akixoobii biraa uduu dhufu argeera; Abemelek Daawiti maal akka hojjatu akka beeku Rabbiin kadhateef; kanaan maayessa inni Daawitii dhalee diqqo'oo fi guraadee Gooliyaadii nama Filisxeemii kenneef» jedhee itti hime. Sababaa kanaaf mootiin Saa'ol gara gadicha Abemelekii ilma Akixuubiitii fi maatii isaa maraa akka gara isaa dhufan nama isaanitti erge; isaanillee gara isaa dhufan; Saa'ol, «Ilma Akixuubii mee na dhagayi» jedheen; Abemelekillee tole gooftaa kiyya!» jedhe. Saa'ol «Atii fi ilmi Isseyii natti mari'attanii? isaan nyaachiftee guraadee kenniteefii Rabbiinillee kadhatteef, kunoo akkuma adha inni ana akka diinaatitti riphee na ajjeesu'uuf na eega'aaru maal goote?» jedhee gaafate. Abemeleki mootichaan, «Loltoota kee keessaa namni akka Daawitii soddaa mooti'iitii fi ajajaa loltootaa ta'e hin jiraa? Garuu Rabbiin isaa kadhachuun anaaf ka jalqabaatii? wa'a akkasii miti; ani garbichi kee dubbii kana waan hin beenneef maatii kiyya anaa fi maatii abbaa kiyyaa hin komatin» jedhe. Mootichi Abemelekiin, «Atii fi maatiin abbaa keetii maruu sirima hin duutan!» jedheen. Achiin maayessa mootichi worra isa bira dhaabataniiraniin «Gadoonni Rabbii kun gara Daawitii waan goraniif, akka inni baqate uduu beekan natti himuu waan didaniif itti gara gala'aatii isaan fixaa'a» jedhe; loltoonni mootichaa garuu «Gadoota Rabbii hin ajjeefnu» jedhaniin. Kanaaf mootichi Dooyiqi gadoota kana atummaan ajjeesi jedhe; Dooyiqi Edoomichi ka'ee gadoota Efuudii uffatan sanniin maraa namoota saddeettamii shanii ajjeese. Kanaan maayessa Saa'ol qachaa gadoota Noobiititti duulchisee dhiiraa fi dubartii ijoolle'ee fi daa'imman harma hodhan, sangoota, harriinii fi hoolota guraadee qara qabuun ficcisiise. Ilmi Abemelekii Akixuub ka Abiyaataar jedhamu tokko garuu dheessee bayee Daawitiin faanaa lixe. Saa'ol gadoota Rabbii akka ajjeesise isatti hime. Daawiti hennaa san Abiyaatariin «Dooyiqi Edoomichi hennaa san achi jiru sun akka Saa'olitti hime ani gaafasuu beekeera; du'a abbaa keetiitii fi maatii maraatiif anatu gaafatama. Ati garuu ana woliin jiraadhu; hin sodaatin, dhugamaan Saa'ol si'ii fi anallee ajjeesuu barbaada; garuu ati nagayaan na woliin jiraatta» jedheen. Daawiti akka Filisxeemonni namoota Qi'ila'aatiin lolanii oobdii keessaa midhaan akka jalaa saaman dhagaye; Kanaaf Daawiti «Deemee Filisxeemota kanaan loluu?» jedhee Rabbiin gaafate. Rabbillee Daawitiin «Deemii Filisxeemiin lolii qachaa Qi'ila'aa harkaa baasi» jedhe. Garuu namoonni Daawitiin faana deeman, «Nu Yihuudaa keessa taa'uu hin sodaanna; attamitti loltoota Filisxeemiitiin lolu'uuf gara Qi'ila'aa dhaquu dandeenna?» jedhaniin. Sababaa kanaaf Daawiti «Ammallee Rabbiin na hofolchi» jedhee gaafate; Rabbillee «Ani Filisxeemiin harka kee jala galchaa ka'iitii gara qachaa Qi'ila'aa gad bu'ii balaa itti buusi» jedheen. Kanaafuu Daawitii fi worri isa faana deeman ka'anii Qi'ilaa dhaqanii Filisxeemotatti balaa buusan; isaan keessaa namoota baay'ee ajjeesanii horii isaanii booji'anii harkaa fudhatan; akka kanaan Daawiti qachattii Qi'ila'aa badii jalaa baase. Abiyaatar ilmi Abemelekii hennaa gara Qi'ila'aa dheessee gara Daawitii dhaqu Efuudii harkaa qaba. Saa'ol akka hennaa Daawiti gara qachaa Q'ila'aa dhaqe haga dhagaye «Qachaa balbala, loosa'aa fi cufaa qabu keessa waan seeneef Rabbi dabarsee isa naa kenneera» jedhe. Saa'ol qachaa Qi'ila'aa dhaqee Daawitii fi namoota isa faanaa deeman marsee qabu'uuf loltoota ajaje. Daawiti akka Saa'ol isa irratti balaa buusu'uuf ta'u haga beeke gadicha Abiyaatariin «Efuudii san as fidi» jedhe. Kanaan maayessa Daawiti, «Waaqa Israa'elii Rabbii kiyya! Saa'ol gara qachaa Qi'ila'aa dhufuu kiyyaaf qachattii balleessuu barbaada; ani dhugamaan garbichi kee kana dhagayeera jedhe. Yoo Saa'ol dhufe worri qachaa Qi'ila'aa dabarsanii na kennanii? akkuma ani garbichi kee dhagaye kana dhugama Saa'ol garana dhufu'uuf ta'aa? Waaqa Israa'elii Rabbii kiyya! deebii akka naa deebiftu si kadhadha!» jedhe. Rabbillee «Ee! Saa'ol dhugamaan hin dhufa» jedhee deebiseef. Daawiti, «Worri qachaa Qi'ila'aa naa fi worra na woliin jiran dabarsanii Saa'olitti nu kennanii? jedhee gaafate; Rabbillee, «Ee dhugamaan dabarsanii isin kennan» jedhee deebiseef. Sababaa kanaaf Daawitii fi namoonni haga dhibba jahaa gayan maruu qachaa Qi'ila'aatii bayanii deemu'uuf yaa'an; Saa'ol akka Daawiti qachaa Qi'ila'aa keessaa bayee dheesse dhagayee achi dhaquu hafe. Daawiti waan irra taa'anii waa eegan lafa gammoojji'ii keessaa biyya tulluuwwanii ka Zeefii keessa taa'e, Saa'ol guyyaa maraa Daawitiin soqa'aa ture; Rabbi garuu dabarsee harka isaatitti isa hin kennine. Daawiti gaara gammoojji'ii keessa uduu jiru Saa'ol isa ajjeessu'uuf akka dhufa'aaru arge; Daawiti goda gammoojjii Zeefii bira jiru keessa jira. Yoonaataan ilmi Saa'olii gara gammoojjii Daawiti jiruu dhaqee Rabbi akka isa jabeesse itti himee, «Saa'ol abbaan kiyya si hin miidhu mootii taatee ani ammo itti aanaa kee ta'ee bulchita jedhee abbaan kiyya kana beekeeraa hin sodaatin» jedhee jajjabeesseen. Isaan lachuu waadaa wolii galanii Yoonaataan gara mana ufii deebi'e; Daawiti ammo bosonumatti hafe. Namoonni Zeefiin jiraatan Saa'oliin bira dhaqanii, «Daawiti lafa gammoojji'ii bosona keessa hulee Ekelaa jedhamtu ta gammoojjii gara kibbaatitti argamtuutitti dhokateeraa mii? Mootii kenna; ati hennaa feete koottu! nu isa sitti kenninaa» jedhaniin. Saa'olillee akkana jedhee isaanii deebise, «Waan anaaf yaaddaniif Rabbi isin haa eebbisu! Ammallee dhaqa'aa laalaa'a inni guddisee akka qaroo ta'e namni natti himeeraa mee ka achi jiruu kaan hubadhaa'a. Hulee inni itti dhokatu maraa laala'aa deebi'aa natti himaa'a; anillee isin woliin dhaqee inni biyya san yoo jiraate dhaqee biyya Yihuuda'aa maraa keessa isa soqaa.» Sababa kanaaf uduu Saa'ol hin deemne ka'anii gara Zeefii dhaqanii Daawitii fi namoonni isa woliin jiran ammo Maa'on biyya gammoojji'ii keessaa hulee Arabaayi jedhamtu ta gammoojjii gara kibbaatiin jirtu jiran. Saa'olii fi loltoonni isaa Daawitiin ari'uuf bayanii deeman; Daawitillee waan kana beekee gara dhagaa Maa'on ka lafa gammoojji'ii keessa jiruutitti dhokate; Saa'ol hulee inni jiru dhagayee isa soqaa gara Maa'onii dhaqe. Saa'olii fi loltoonni isaa holqa gara tokkoon, Daawitii fi loltoonni Daawiti ammo gara biraatiin jalaa bawu'uuf Saa'olii fi loltoonni isaa Daawitiin qabu'uuf uduu itti dhiyaatanii jiran, Namni tokko ergamee gara Saa'olii dhufee, «Worri Filisxeemii biyya keessa waan yaa'eef dafii koottu» jedheen. Hagasitti Saa'ol Daawitiin ari'uu dhiisee Filisxeemiin lolu'uuf deeme; kanaaf maqaan hulee sanii «Dhagaa jalatti dhokatan» jedhame. Daawiti hulee sanii ka'ee gara hulee Ayingaadiin jedhamtuu dhaqe. Saa'ol Filisxeemiin lolee haga deebi'een maayessa akka Daawiti lafa gammoojjii Ayingaadii keessa jiru dhagaye. Kanaaf Saa'ol loltoota Israa'elii jajjabaa namoota kuma sadihii fudhatee Daawitii fi namoota isa woliin jiran soqaa gara hulee dhagaa re'iin gammoojji'ii keessa jiraattuu dhaqe. Inni gara dallya bultii hoolotaatiin dhufe; hulee san goda tokkotu jira; Saa'ol raasa'atti itti bawu'uuf goda keessa seene Daawitii fi loltoonni isaa garuu goda keessatti dhokataniiran. Loltoonni Daawitii Daawitiin, «Guyyaan Rabbi waan jaalatte akka gootuuf diina kee harka kee jala galcha jedhee dubbate santu gaye!» jedhaniin; achii Daawiti suuta jedhee qaccee uffata Saa'olii kutee fudhate. Garuu Daawiti uffata Saa'olii waan mureef hin gadde. Daawiti namoota ufiitiin, «Nama Rabbi dibee moosise gooftaa kiyya irratti ani waan hamaa hin godhu; isa waan Rabbi dibeeruuf harki kiyya isatti hin bayu!» jedhe. Dubbii kanaan Daawiti loltoota ufii akka Saa'oliin hin ajjeefne dhoogge; Saa'olillee achii ka'ee goda keessaa bayee deeme. Daawitillee goda keessaa bayee Saa'oliin faanaa deemee «Gooftaa; mootii kiyya!» jedhee Saa'oliin waame, Saa'ol yoo uf duuba midhatu Daawiti isaa gad jedhee, Saa'oliin, «Waan namoonni Daawiti waan hamaa si irratti hojjachu'uuf ta'a jedhan maaf dhageetta? adha Rabbi goda keessatti harka kiyya jala akka si galche ijji tee argiteerti; namoonnillee isa ajjeesi naan jedhaniiran; ati garuu garaa na nyaatte; nama Rabbi dibe waan taateef ani gooftaa kiyya hin ajjeesu jedhe. Abbaa kiyya! ila qaccee uffata keetii laalii; mureeraa garuu ani si hin ajjeefne; kanaafuu hubadhu; ati garuu lubbuu kiyya baasu'uuf soxxa; ani hama'aa fi cubbuu si irratti hin hojjanne. Ammaa achi Rabbi anaa fi si jiddu'utti haa murteessu; Rabbi haluu naa haa baasu malee ani haluu si hin bawu; waan hamaa ati hojjatte maraa mataa keetitti deebisa. Mammaanni namoonni waan hamaa hojjatan namoota hammeeyyii calla'a jedha. Ani garuu si irratti miidhaa hojjachuu hin barbaadu. Mootii Israa'elii ati eennuun ajjeesu'uuf taata! eennuun ariita! saree duute mo'o taffi'i? eennuun akka ari'a'aartu laali! Kana Rabbi haa murteessu; rakkinna kiyyallee haa laalu; harka kee jalaa na haa oolchu; dhugaa kiyyallee naa haa baasu» jedhe. Daawiti haga kana dubbateen maayessa Saa'ol Daawitiin, «Ilma kiyya! kun laagaa keetii? jedhee gaafatee laagaa ol qabatee booye. Achiin maayessa Daawitiin «Ati nama dhuga'aati; ani ammo nama sobaati; badii kana fakkaatu kana hennaa sitti hojjadhu ati ammo waan mishaa naa goote. Hennaa Rabbi na harka kee jala galchellee ati garuu na hin ajjeefne; waan gaarii gootee natti mudhifte. Namni diina qabee uduu hin miidhin dhiisu eessatti argama? ati adha waan mishaa waan naa gooteef Rabbi si haa eebbisu! Kunoo ati mootii Israa'elii akka taatu, banii Israa'elii akka bulchitu, mootummaan keellee akka jabaatu hubadheera. Fiixaa kiyya akka hin balleessine yookaan maatii abbaa kiyyaa keessaa akka hin baafne amma maqaa Rabbiitiin naa kakadhu» jedheen. Daawitillee akka waan kana hin goone hin kakateef. Kanaan maayessa Daawiti haga Saa'olii kakateen maayessa Saa'ol gara mana ufii gale; Daawitii fi loltoonni isaa gara hulee itti dhokatanii deebi'an. Saamu'eel du'ee baniin Israa'elii maruu hulee tokkotti wol gayanii booyaniif; achiin maayessa gara Raama'aa fidanii achitti awwaalan; achiin maayessa Daawiti gara gammoojjii Faaraanii deeme. Daawiti hojjataa ufii irraa oduu kana dhagaye. Daawiti dargaggeeyyii kudhanii filatee gara Qarmeloosii akka dhaqan maqaa isaatiin nagaya akka gaafatan ajajee erge. Dhaamsa akkana jedhu Naabaalitti himaa'a, «Bara dheeraa jiraadhu nageenni si'ii fi maatii keetiif, nageenni waan ati qabdu maraafuu haa ta'u» Akka ati hoolota irraa rifeensa mura'aartu dhagayeera; hennaa tisseen tee nu woliin turan miidhaan tokkollee isaan irra hin geenne; hennaa nu bira jiran wonti tokkollee jalaa hin hanqanne. Isaanuu waan kana sitti himan; nu adha guyyaa mishaa dhufne; Daawitillee dargaggeeyyiin tiyya si afo'otti kabajjaa haa argatanii; yabo'oo ijoollee teetii fi Daawitiifillee waan argite ergi» jedhan jedhe. Namoonni Daawitii dhaamsa kana maqaa Daawitiitiin Naabaalitti himanii waan inni jedhu eeguu jalqaban. Achiin maayessa Naabaal deebisee hojjattoota Daawitiitiin, «Daawitiin kun eennu? ilmi Isseyii kun eennu? bara kana hojjattoonni mootii jalaa bada'aaran baay'ataniiran. Kanaafuu maaf ani buddeenaa fi bisaan kiyya worra rifeensa hoolotaa muraniif qophaaye fuudhee namoota garana dhufanii hin beennetti kenna!» jedhe. Worri ergamellee dhufanii waan Naabaal jedhe Daawititti himan. Daawiti «Amma isin maruu guraadee keessan hidhadhaa'a!» jedhee ajaje; isaanillee akkuma ajajaman godhan; Daawitillee guraadee hidhatee achii worra mi'a eegan namoota dhibba lamaa hambisee namoonni dhibba afurii deemsaaf ka'an. Hojjattoota Naabaalii keessaa namni tokko gara haadha manaa isaa gara Abigiya'aa dhaqee «Daawiti lafa gammoojji'ii keessaa namoota ergee gooftaa keenna nagaya gaafatan; gooftaan keenna garuu isaan ari'e. Jarri sun nu'uuf worra mimmishaa turan; nu hin tundhe; hennaa isaan woliin jiraannu maraa wonti tokkollee nu jalaa hin banne; isaan woliin hennaa bosona keessa jirru maraa womaa nu jalaa hin hanne. Isaan bara nu isaan woliin hoolota keenna tiffata'aa turre maraa guyya'aa fi halkanillee naannoo keennatti dallaya nuu ta'an. Amma ammo gooftaa keenna irratti, maatii isaa maraa irrattillee wonti hamaan akka dhufu murtiin murteeffameera; inni nama waan tokkoof garaa hin laafne waan ta'eef namni tokkollee isatti hin dubbatu; ati waan kana beeki; waan godhuu barbaadde akka gootu yaadadhu!» jedhe. Abigiyaanillee ariiti'iin buddeena dhibba lamaa, daadhii woyini'ii waabaa lamaa hoolota qalmaaf qophaayan shan, qorsoo iifii soddomii torbaa, xoroshoo ija woyini'ii dhibba tokkoo fi xoroshoo muka hurbu'uu dhibba lama fuutee harriinitti feete. Achiin maayessa hojjattoota ufiitiin «Ani isin faanaa deemaa isin ana afoo deemaa'a» jette; abbaa manaa ufii Naabaalitti ammo hin himne. Uduu isiin harree yaabbattee karaa mammaramaa keessa deema'aartu Daawitii fi namoonni isaa gara isi'ii gad dhufan; isiinillee isaan wolitti dhufte. Daawiti onnee ufii keessatti akkana jedha'aa ture, «Ani horii namicha kanaa keessaa tokkollee akka hin banneetti lafa gammoojji'ii keessatti eeguun kiyya dhugama; horii isaa gammoojjii keessatti akkanumaan tissee! inni bikka mishummaa kiyyaa waan hamaa naa deebise. Uduu lafti hin bariine namoota isaa maraa keessaa dhiira maraa yoo ani hin ajjeefne Rabbi na haa ajjeesu!» jedhe. Abigiyaanillee hennaa Daawitiin argite ariiti'iin harree irraa buutee Daawitiin jalatti gad jette. Miila kophee isaa irratti kuftee «Gooftaa kiyya! ani yakkamtuu yoo ta'ellee yabo'oo ani garbittiin tee sitti himadhaa na dhagayi! Ani garbittiin tee dargaggeeyyii ati gooftaan kiyya ergite hin argine; Naabaal akkuma maqaa isaa gowwa'a; ati namicha kanatti hin aarin; gooftaa kiyya! maqaa Rabbii jiraata'aatiin sii kakadhaa akka ati diintota kee ajjeeftee haluu hin baane ka si dhoogge Rabbi; ammallee diintonni keetii fi worri si gooftaa kiyya irratti waan hamaa yaadan akka Naabaalii haa ta'an. Kennaan ani garbittiin tee si'ii gooftaa kiyyaa dhiyeesse kun hojjattoota keetitti haa kennamuu. Gooftaa kiyya! ati lola Rabbii waan loltuuf Rabbi dhugamaan mootummaa kee hin jabeessaa bara jireenna keetii maraa hammeenni si biratti hin argamin; yabo'oo cubbuu kiyya ka garbittii teetii dhiisiif. Namni si miidhu'uu fi si ajjeesu'uuf yoo yaadellee Rabbi lubbuu tee nagayaan jiraachisa; lubbuun diintota keetii ammo akka namni dhagaa furaanfurrisaan darbuutitti darbamti. Akkuma Rabbi abdii sii kennee waan mishaa maraa sii godhe, mootummaa Israa'elii irra si kaaya. Kun yaada garaa gooftaa kiyyaa ka gufachiise waan hin taaneef dhiiga dhangalaasu'uun yookaan haluu baafachu'uun hin ta'u; Rabbi gooftaa kiyyaaf yoo waan mishaa godhe ana garbittii tee yaadadhu» jette. Daawiti Abigiya'aan «Rabbi Waandhi Israa'elii ka gara kiyya si erge haa galatoomu! Guyyaa adhaa dhiiga jissu'uuf haluu baafachuu irraallee na oolchiteertaa ati eebbifami. Uduu ati ija keessa na dhufuu baattee dhugaa Waaqa Israa'elii silaa haga boru ganamaatitti ilmaan Naabaalii keessaa dhiira tokkollee uduu hin hambifne ajjeesa» jedhe. Daawiti waan isiin isaa fidde harkaa fudhatee «Ani dubbii kee dhageeffadhee waan ati na kadhattellee sii kenneera; nagayaan gara mana keetii deebi'i» jedheen. Abigiyaan deebitee gara Naabaalii dhufte; Naabaal fiixaa ufiitii nyaachisa mana mooti'ii keessatti qopheesse nyaata'aa dhuga'aara; waan machaayeef garaa ufii keessatti gammada'aa ture; kanaaf haga lafti bari'utti isiin waan tokkollee isatti hin himne. Ganama haga machiin irraa bade Abigiyaan haati manaa isaa dubbii kana isatti himte; inni waan nayeef onneen isaa qabbanooftee akka dhaga'aa taate. Guyyaa kudhaniin maayessa Rabbi Naabaaliin hin qoome. Daawiti akka Naabaal du'e haga dhagaye «Waan inni na arrabseef Rabbi Naabaaliin waan haluu naa baaseef ani ammo akka isa hin ajjeefne waan na dhooggeef galanni isa haa gawu; inni waan hammeenna isaatiif isa adabe; achiin maayessa Daawiti gara Abigiya'aa namoota ergee akka isii fuudhu'uuf ta'u itti himaa'a» jedhe. Ergamtoonnillee hulee isiin jirtu gara Qarmeloosii deemanii «Daawiti si fuudhuu barbaadee gara kee nu ergeera» jedhanii isi'itti himan. Abigiyaan kaatee gad jetteefii, «Kunoo ani garbittiin teessan luka garboota Daawitii dhiqu'uuf as jira» jette. Ariifattee kaatee harree yaabbattee dubartoota worra isi'ii hojjatan shan fudhattee namoota Daawiti ergate faanaa deemtee haadha manaa taateef. Achiin dura Daawiti Akinaahoomii dubartii biyya Iyiziraa'elii fuudhee ture; isaan lachuu haadha manaa ta'aniif. Saa'ol ammo ufii Milkooliin ta Daawiti fuudhe jalaa baasee Faliixii ilma Leesa'aa nama qachaa Galiimiititti heerumsiise. Namoonni hagoon Ziifii ka'anii hulee Saa'ol jiru Gibi'atti dhaqanii «Daawiti lafa onaa tulluu Hakilaa jedhamtu ta isa afoo jiru irratti dhokateera?» jedhan. Saa'ol loltoota Israa'elii keessaa namoota kuma sadihii filatee fudhate; Daawitiin soqu'uuf Ziifiin lafa udume'ee dhaqan. Saa'ol tulluu Hakilaa jedhamtu ta Seemooniin afoo jirtu irratti quphate; Daawiti garuu lafa udumee keessa jira; Saa'ol isa dudda duubaan gara lafa udumee sanii akka dhufe hennaa arge, Daawiti worra gaadan ergee Saa'ol gara Naagoonii akka dhufe hin beeka. Achii ariifatanii ka'anii Saa'olii fi ajajaan loltootaa Abaaneer ilmi Neerii eessa akka rafaniiran arge; Saa'ol hulee itti dhokateeru keessa loltoota wodhakkaa rafa'aa ture; loltoonni isaa ammo naannoo isaa marsaniiran. Kanaan maayessa Daawiti Abemelekii fi Abisaa ilma Tsuuriya'aa obboleessa Iyyo'aabii saniin, «Eentu na woliin gara hulee Saa'ol jiruu dhaqa?» jedhee gaafate; Abisaan, «Ani si woliin deema» jedheen. Achiin maayessa halkan san Daawitii fi Abisaan gara hulee Saa'ol jiruu dhaqan; Saa'ol eboo ufii mataa ufii gubba'atti lafatti dhaabee wodhakkaa isaanii rafa'aa ture; Abaaneerii fi worri loltootaa ammo isa marsanii rafa'aaran. Abisaan Daawitiin «Adha Rabbi diina kee harka kee jala galche; kanaafuu amma hennaa lama uduu hin taane hennama tokkoon woraana kana fudhee lafaan wolitti hodhuu!» jedhe. Daawiti Abisa'aan «Isa ajjeesuun hin barbaachisu; nama Rabbi dibee moosise irra namni rakkinna geesse hin gaafatama; Dhugaa Rabbii nama kana Rabbi hin dhaya; yookaan guyyaan isaa gayee du'a; yookaan ammo gara hulee woraanaa dhaqee achitti du'a; Ani garuu nama Rabbi dibee moosise irratti akka harka kiyya ol hin fudhanne Rabbi na haa eegu! amma garuu mee eboo isaa ka mataa isaa gubbaa jiruu fi xuwwee bisaanii san fudhannee deemnaa» jedhe. Daawiti ebo'oo fi waan bisaan itti buusan mataa Saa'olii gubba'aa fudhatee isaa fi Abisaan achii deeman; Rabbi hirriba guddaa waan isaanitti buuseef isaan maruu rafaniiran; namni tokkollee hin dammandhe; isaan hin argine; waan kanallee hin beenne. Kanaan maayessa Daawiti gara dhooqa gamaa ceeyee achii fagaatee mataa gaaraa irra dhaabate. Inni laagaa ufii ol fudhatee loltoota Saa'olii waamee «Abaaneer ati na jalaa hin awwaattuu?» jedhe; Abaaneer «Ati eennu ka mooti'itti iyyitu?» jedheen. Daawiti, «Ati Abaaneer Israa'eliin keessatti nama beekkama'aamii? Gooftaa mootii keessan maali'iif dammaxxanii hin eenne? nu keessaa namni tokko isa ajjeesu'uuf gara keessan dhufee ture. Wonti ati goote kun misha'aa miti; atii fi namoonni kee gooftaa keessan ka Rabbi dibee moosise waan hin eenneef dhugaa Rabbii jiraata'aa du'uu isin barbaachisa; Eboon mootichaatii fi xuwween bisaanii ka mataa mootichaa gubbaa jiru meeti? mee naannoo kee laali!» jedhe. Saa'ol laagaa Daawitii ta'uu beekee «Ilma kiyya! kun laagaa keetii?» jedheen; Daawitillee deebisee «Yaa mootii; gooftaa kiyya; ee laagaa kiyya» jedheen. Ati gooftaa kiyya ana garbicha kee maali'iif ari'aarta? maal si godhe? balleessaan ani hojjadhe maali'i? Mootii; gooftaa kiyya! waan ani siin jedha'aaru dhagayi! ka natti si kaase uduu Rabbiin ta'ee silaa isaaf ciincaa dhiyeessu'uun aarii isaa uf irraa deebisa ture; garuu worri kana godhan yoo namoota ta'an isaan lafa Rabbi sii kenne irraa deemii waaqolee tolfamaa waaqeffadhu jedhanii waan na ari'aniif ka abaaraman haa ta'an. Fuula Rabbii afo'oo na fageessitee dhiinni kiyya akka jigu hin godhin; mootiin Israa'elii guddaan kun akka nama gogorrii dhadhooluu ana nama haga taffi'ii kana maali'iif soqaa deemta?» Saa'olillee, «Ani dhugamaan balleesseera; ilma kiyya Daawiti! deebi'ii gara kiyya koottu; ani si miidhu'uuf si hin soqu; ati adha lubbuu tiyya oolchite; ani akka gowwa'aa ta'ee dogoggora hojjadheera!» jedheen. Daawiti ammo «Mootii kiyya eboon kee kunooti; loltoota keessaa namni tokko dhufee haa fuudhuu jedhe. Rabbi namoota qajeelaa ta'aniif amanamummaa qabanii gatii isaanii isaanii kenna; inni adha harka kiyyatti dabarsee si kenne; ani ammo ka Rabbi dibee moosise harki kiyya ajjeesuu hin barbaanne. Akkuma lubbuun tee ana biratti ulfinna argatte lubbuun tiyyallee Rabbiin biratti ulfinna haa argattu; Rabbi rakkinna guddaa keessaa na haa baasu!» jedhe. Saa'ol Daawitiin, «Rabbi si haa eebbisu! wonti ati hojjattu maruu sii haa qajeelu» jedheen. Daawiti karaa ufii deeme; Saa'ol garuu gara mana ufii deebi'e. Daawiti garaa ufii keessatti akkana jedhee yaade; «Ani gaafa tokko harka Saa'oliititti du'uun kiyya waan hin oolleef dafee gara biyya Filisxeemii baqachuu naa woyya; yoo san Saa'ol abdii kutatee biyya Israa'elii maraa keessa na barbaaduu dhiisa; ani isa jalaa baya» jedhe. Kanaaf Daawitii fi namoonni isaa ka dhibba jaha ta'an ka'anii gara Ankusii ilma Ameehii mootii biyya Geetii bira dhaqan. Daawitii fi namoonni isaa maatii ufii woliin biyya Geetii taa'an; Daawiti haadha manaa ufii Akinaahoomii gosa Iyiziraa'eliitii fi haati manaa isaa Abigiyaan ta Naabaaliin biyya Qarmeloosii fuudhe haawwota manaa ta'aniif. Saa'ol akka Daawiti gara biyya Geetii baqatee gale haga dhagayeen maayessa Daawitiin soquu dhiise. Daawiti mooticha Ankusiin «Yoo na jaalatte qachattii diqqoo takka keessa akka jiraadhu na hoffolchi; gooftaa kiyya, ani si woliin qachaa keessa jiraachuun hin ta'u» jedheen. Achiin maayessa Ankus qachaa Tsiqilaagii kenneef; kanaafuu qachattiin sun guyyaa san irraa jalqabdee ta mootota Yihuuda'aa taate. Akka kanaan Daawiti biyya Filisxeemii keessa woggaa tokkoo fi ji'a afurii ta'e. Hennaa san keessa Daawitii fi namoonni isa woliin deeman Gashuurota, Gariizotaa fi Amaaleqootatti duulan; biyyoonni isaan keessa jiraatan kunniin Tele'oomiin irraa jalqabee Suurii haga biyyoota gara Misirii fidaniiti. Daawiti biyyatti'iin hennaa lole dhiiraa fi dubartii tokkollee hin hambifne; garuu hoolota, sangoota, harriin, gaallanii fi uffata booji'ee gara Ankusii dhufe. Ankus «Adha ammo eessatti duultee dhoofte?» jedhee Daawitiin gaafannaan inni ammo «Gara kibbaatiin daangaa Yihuuda'aa, daangaa worra Yiraahimi'elii, daangaa worra Qeenotaatiin itti duullee lolle» jedhe. Namoonni gara Geetii dhufan Daawiti waan kana nu irratti hojjate jedhanii odeessan jedhee waan yaadeef dhiira yookaan dubartii tokkollee hin hambifne inni biyya Filisxeemii keessa hennaa jiraate maraa akkasuma godha ture. Ankus, «Daawiti banii Israa'elii keessatti guddisee waan jibbameef baraa haga bara baraa hojjataa kiyya naa ta'a» jedhee amane. Hennaa hago'oon maayessa worri Filisxeemii worra Israa'eliitiin lolu'uuf loltoota isaanii wolitti qabatan; Ankus yoo san Daawitiin «Atii fi namoonni kee na woliin lola akka dhaxxan hubadhu» jedhe. Daawitillee hennaa san «Waan ani garbichi kee hojjadhu arguu hin dandeetta» jedheen; Ankus ammo «Baay'ee misha'a! yoo san ani ammo eedduu hennaa maraa na eegu si godhadha!» jedhe. Bara san Saamu'eel duunaan worri Israa'elii maruu booyaniifii qachattii isaa Raamaa keessatti isa awwaalan; hennaa san Saa'ol Ekeraa dubbiftu'uu fi mortuu biyya keessaa baasee ture. Worri Filisxeemii hiriiranii dhufanii naannoo qachaa Shuneemii keessatti hennaa quphatan Saa'ol ammo worra Israa'elii maraa wolitti qabee tulluu Gilbo'a'aa qabate. Saa'ol loltoota Filisxeemii hennaa arge hin sodaate; garaan isaa guddisee raafame. Kanaafuu maal godhuu akka isa barbaachisu Rabbiin gaafate; Rabbi ammo eebju'uun yookaan Uuriim yookaan raagaan deebii hin kennineef. Kanaan maayessa Saa'ol hojjattoota ufiitiin «Dubartii ekeraa dubbiftu naa barbaada'aa qoradha'aatii anillee gara isi'ii dhaqee gorsa gaafadhaa.› jedhe; hojjattoonni isaallee deebisanii «Dubartiin ekeraa dubbiftu takka Ayindooriin keessa jirti» jedhaniin. Saa'ol uffata jijjiiratee akka isa hin beenne ta'ee namoota lamaa qabatee halkaniin gara mana dubartii sanii dhaqee ekeraa dubbiftu'uun «Nama ani sitti himadhu du'aa naa kaasi» jedheen. Dubartittiin, «Waan Saa'ol hojjate worra ekeraa dubbisanii fi mortuu biyya keessaa akka balleesse atinuu hin beetta; maaf na ajjeesu'uuf siiboo na afoo keetta?» jette. Kanaan maayessa Saa'ol, «Dhugaa Rabbii jiraata'aa sababaa kanaaf miidhamni tokkollee akka si irra hin geenne maqaa Rabbiitiin sii kakadha.» isi'iin jedhe. Dubartittiin sun, «Eennuun sii kaasa?» jetteen; inni ammo «Saamu'eeliin naa kaasi?» jedheen. Dubartittiin hennaa Saamu'eliin argite laagaa gudda'aan iyyitee Saa'oliin, «Ati Saa'olii mii? maaf na sobde?» jetteen. Mootichi ammo dubartitti'iin, «Hin sodaatinii amma maal arga'aarta?» jedhee dubartittii gaafate; Isiinillee Saa'oliin «Waan akka gaachena Waaqaa qabu tokko uduu lafa keessaa ol bawu arge» jette. Inni ammo, «Bifti isaa maal fakkaata?» jedhee isii gaafate; isiin ammo deebiftee «Nama jaaree kaabbaa uffateerutu ol baya'aara» jetteen; hennaa san inni Saamu'eeliin akka ta'e beekee haga lafa gawutti gad jedhe. Saamu'eel Saa'oliin, «Maaf hara baafannaa na dhooggita?» jedheen; Saa'ol ammo «Filisxeemoonni naan lola'aaran Rabbi ammo na irraa gara gale; raagaan yookaan eebju'uun naa deebisuu dide; ani rakkata'aa jira; kanaaf waan godhuu na barbaachisu akka natti himtu si waamadhe» jedheen. Saamu'eel ammo «Erga Rabbi si irraa gara galee si morme maaf na gaafatta? Rabbi akkuma dura karaa kiyyaan sitti dubbate mootummaa si harkaa fuudhee firticha kee Daawitiif kenneera. Ati waan dubbii Rabbiitii ajajamuu diddeef dheekkamsi Rabbii ka ati worra Amaaleqii irratti waan ati hin raawwanneef Rabbi adha kana sitti fide. Amma Rabbi worra Israa'elii si woliin dabarsee Filisxeemotaa kenna; boru atii fi ilmaan kee duutanii natti eda'amtan Rabbi Israa'eliin harka worra Filisxeemiititti kenna» jedhe. Saa'ol dubbii Saamu'eel itti himeen nayee hollatee kufee halkanii fi guyyaa san guutuu midhaan waan hin nyaanneef dadhabee ture. Dubartittiin sun gara Saa'olii dhuftee akka inni nayee hollata'aaru argitee «Waan ani garbittiin tee jettu dhagayi; ani waan ati na ajajje lubbuu kiyyatti murteessee godhe. Ati ammo waan ani garbittiin tee sitti himu akka dhageettu si kadhadha; amma buddeena diqqoo sii dhiyeessa; ati ammo akka nyaatee jabaatee deemtu» jetteen. Saa'ol garuu, «Ani waan tokkollee hin nyaadhu» jedhee dide; garuu loltoonni isaatii fi dubartittiin akka nyaatu waan isa jajjabeessaniif «Maarre» jedhee lafa kufee ka'ee siree irra taa'e; Achiin maayessa dubartittiin jibicha manatti gabbifame tokko qabdi; isiin ariifattee jibicha qaltee daakuu fuutee dukkuuftee xoroshoo gootee, Saa'olii fi hojjattoota isaatii kennite; isaanillee nyaatanii halkanuma san ka'anii deeman. Worri Israa'elii burqaa dhooqa Iyiziraa'elii keessa jiru biratti quphatan; worri Filisxeemii loltoota ufii maraa woliin Afeqiti wol gayan. Mootonni worra Filisxeemii shanan dhibba dhibbaa fi kuma kumaan hiriiranii loltoota ufii woliin duulan; Daawitii fi namoonni isaa ammo Ankusiin woliin duuba isaaniitiin deema'aa turan. Ajajoonni loltoota Filisxeemii hennaa isaan argan, «Worri Ibrootaa asii maal hujan?» jedhanii gaafatan; Ankus deebisee, «Kun Daawitii hojjataa Saa'olii mootii Israa'eliiti; inni na bira haga dhufe woggaa irra caaleera; anillee haga gaafa inni na biratti galee jalqabee haga adhaa hamaa tokkollee isa irratti hin argine» isaaniin jedhe. Garuu ajajoonni loltoota Filisxeemii Ankusitti aaranii «Namichi kun nu woliin dhaqee lola keessatti akka nutti gara hin galle deebisii gara lafa isa jiraachisa'aa turtetti deebisi malee nu woliin akka hin dhandhe; namoota worra kana ajjeesuun yoo ta'e malee maali'iin gooftaa ufiitiin wolitti araaramuu danda'a? Waan kanaaf dubartoonni, ‹Saa'ol kuma ajjeese! Daawiti ammo kumaatama ajjeese!› jedhanii wol jalaa qaba'aa weeddisaniif Daawitii kanaa mitii?» jedhaniin. Kanaaf Ankus Daawitiin waamee «Dhugaa Rabbii ati nama qajeela'a; guyyaa ati gara kiyya dhuftee jalqabee haga adhaa waan waan hamaa si irratti hin argineef na woliin jiraachuun kee natti tola; garuu wonti kee namoota kanniinitti hin tolle; kanaaf ati deebi'ii nagayaan gali waan hamaa ajajoota Filisxeemii worra hunnaan bulchanitti hin tolle tokkollee hin hojjatin» jedheen. Daawiti garuu deebisee Ankusiin, «Maal balleesse? si woliin hojjachuu haga jalqabe haga adhaa balleessaa maal argite? maal ani dhaqee diintota gooftaa kiyyaa diintota mootichaa loluu hin danda'uu?» jedheen. Ankus deebisee Daawitiin, «Ati na afo'otti akka ergamaa Waaqaa taate hin beeka; garuu ajajoonni loltoota Filisxeemii ‹Inni nu woliin gara lolaa dhaquu hin barbaachisu› jedhaniiran. Eeganaa ganama barii ka'iitii hojjataa gooftaa keetii worra si woliin dhufan sanniin woliin akka lafti isinii ifeen ka'aatii deemaa'a» jedheen. Kanaaf Daawitii fi namoonni isaa deebi'anii gara biyya Filisxeemii dhaqu'uuf ganama bari'iin ka'an; worri Filisxeemii ammo gara Iyiziraa'elii duulan. Daawitii fi namoonni isa woliin deeman guyyaa sadeesso'oo gara Tsiqilaagii hennaa deebi'an worri Amaaleqootaa kutaa biyya gara kibbaatii fi Tsiqilaagii duulanii lolanii ibiddaanillee guban. Dubartootaa fi worra achi jiran maraa diqqaa irraa haga gudda'aa booji'anii fudhatanii deeman malee nama tokkollee hin ajjeefne. Hennaa Daawitii fi namoonni gara qachatti'ii dhufan ammo qachattii ibiddaan gubanii haawwonni manaa ta isaanii, ijoolleen isanii ta dhiiraatii fi ta intalaa booji'amaniiran. Daawitii fi namoonni isa woliin deeman laagaa ol qabatanii guddisanii booyan. Haawwonni manaa ta Daawitii lamaanuu Akinaahomii Iyiziraa'elittii fi Abigiyaan ta Naabaaliin gosa Qarmeloosii irraa du'e booji'amanii turan. Namoonni maruu waan ijoolleen isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa booji'amaniif jireenni isaanii isaanitti hadhaayeeruuf Daawitiin dhaga'aan dhayaa'a waan jedhaniif Daawiti guddisee gadde; inni garuu maqaa Rabbii Waaqa ufiitiin jabaate. Daawiti Abiyaatarii gadicha ilma Abemelekiitiin «Efuudii naa fidi» jedhe; Abiyaatarillee Efuudii Daawitii fide. Daawiti ammo «Saamtota tanniin hordofee isaan qabuu?» jedhee Rabbiin gaafate; Rabbillee, «Boojuu kee hin deebifattaa ka'ii hordofi!» jedheen. Kanaaf Daawitii fi loltoonni dhibba jaha gayan gara laga Beesoorii hennaa gayan isaan keessaa gariin achuma turan. Namoonni dhibba lamaa guddisanii waan dadhabaniif laga Beesoorii ceewuu hin dandeenne kanaaf achitti hafan; Daawitii fi namoonni isaa dhibbi afurii ammo jara hordofan. Ka'imticha biyya Misirii tokko arganii gara Daawitii fidan waan nyaatuu fi bisaanillee hin kennaniif. Daraaraa muka hurbu'uu lama kennaniif; ka'imtichi haga nyaateen maayessa hin jajjabaate; achiin dura guyyaa sadihii fi halkan sadihii midhaanii fi bisaan womaa afaaniin hin qabne. Daawiti ka'imticha saniin, «Ati hojjataa eennuuti? eessaa dhufte?» jedhee gaafate; ka'imtichi, «Ani nama Misiriiti hojjata Amaaleqicha tokkooti; ani dhukkubsannaan guyyaa sadihiin dura gooftaan kiyya na gatee deeme. Uduu kun hin taane biyya Yihuuda'aa ta gara dhiyaa jirtu lafa Keertootaatii fi lafa Kaaleebii Tsiqlaagiin itti duullee ibiddaan gubneerra» jedheen. Daawiti isaan, «Gara hulee saamtonni jiranii na geessuu dandeettaa?» jedhee gaafate; ka'imtichillee, «Akka na hin ajjeefne dabarsitee gooftaa kiyyatti akka na hin kennine naa kakadhu; gara isaanii si geessaa» jedheen. Achiin maayessa Daawiti hennaa hulee jarri jirtu geessu isaan hulee sanitti faca'anii nyaata'aa dhuga'aa boojuu guddaa biyya Filisxeemiitii fi biyya Yihuudotaa ka booji'an maratti gammada'aa turan. Daawiti halkan san irraa jalqabee haga bariisaa san galgalaa isaaniin lola'aa ture; namoota dhibba afurii ka gaala yaabbatanii jalaa baqatan malee dhiirti tokkollee jalaa hin baane. Daawiti waan worri Amaaleqii fudhatan maraa harkaa dachaase haawwota manaa lamaan ufiillee eda'ee deebise. Wonti tokkollee uduu hin dhidhatin Daawiti namoota isa faanaa deemanii waan worri Amaaleqii booji'an maraa deebiseef. Daawiti sa'oolee, hoolotaa fi re'iin maraa hin fudhate; worri Daawitiin woliin deeman «Horiin kun horii Daawiti booji'e!» jedhan. Daawiti deebi'ee gara namoota dhibba lamaa worra guddisanii dadhabanii laga Beesooriititti isa biraa hafaniiranii dhaqe; isaanillee Daawitii fi namoota isa woliin jiran reebbachu'uuf bayan; Daawitii fi namoota isa woliin jiran gara jaraa dhiyaatanii isaan gaafatan. Garuu worra Daawitiin woliin deeman keessaa namoonni hammeeyyiinii fi namoonni amala badaa qaban, «Isaan nu woliin waan hin deemneef isaan maruu dubartoota ufiitii fi ijoollee ufii fudhatanii haa deemanii malee boojuu nu deebifanne keessaa tokkollee hin kenninuu» jedhan. Daawiti garuu, «Obboleewwan tiyya! lakkaa mootee Rabbi nuu kenne kanaan waan akkanaa hin hojjatinaa'a; inni nu eegee saamtota nutti ka'anillee dabarsee harka keenna jala galcheera. Wonti isin jettan hin ta'u! qoonni worra lola dhaqaniitii fi worra mi'a biratti hafanii wol qixxee qoodamtan» jedhe. Daawiti guyyaa sanii jalqabee haga ammaatitti dubbii san worra Israa'eliitii seeraa fi ajaja godhee dhaabe. Daawiti deebi'ee gara Tsiqilaagii hennaa dhufe wonta saaman irraa jaarsota Yihuuda'aa worra fira isaa ta'aniif kennaa ergee «Kunoo kennaan kun wonta diintota Rabbii irraa booji'amee isiniif ergame» jedhe. Achii boojuu san worra Beeteelii fi worra Raamootii, worra gara kibbaa, worra Yaatirii, Worra Aro'eerii, worra Siifmootii, worra Eshtemo'a'aaf, Worra Qarmeloosii worra qachoota Yiraahimi'eliitii fi Qeenaawota keessa jiranii, Worra Heerma'aa, Worra Boorsaanii, worra Ataakii, worra Keebroonii, akkasuma worra hulee inni namoota isaa woliin keessa jiraata'aa ture maraafuu erge. Worri Filisxeemii gaara Gilbo'a'aa irratti worra Israa'eliitiin loluuf wol gayan; worri Israa'elii dheessanii gaara irratti du'an. Worri Filisxeemii ammo Saa'olii fi ilmaan isaa sadiin faanaa deemanii ari'anii Yonaataa, Aminaadaabii fi Melkisaa ajjeesan. Lolli kun Saa'oliin irratti hin jabaate; worri ebo'oon lolan Saa'oliin woraananii madeessan. Saa'ol namicha mi'a woraanaa isaa baatuun «Worri hin gadoomne dhufanii akka natti hin taphanne ati guraadee keetiin na ajjeesi» jedheen; namichi mi'a lolaa baatuuf guddisee waan sodaatee tureef kana godhuu dide; achii Saa'ol guraadee ufii fudhatee itti dirme. Namichi mi'a lolaa isaa baate sun akka Saa'ol du'e hennaa arge innillee guraadee ufiititti dirmee isa woliin du'e. Akkasitti Saa'ol ilmaan isaa sadiin, namichi mi'a lolaa baatuu fi akkasuma namoonni isaa maruu guyyama san dhuman. Worri Israa'elii ka dhooqa Yoordaanosiin irraa gara baya biiftu'uu jiranillee loltoonni isaanii akka baqatan Saa'olii fi ilmaan isaa akka dhuman hennaa argan isaanillee qachoota ufii dhiisanii baqatan; worri Filisxeemii ammo dhufanii qachoota san qabatan. Bariisaa worri Filisxeemii worra ajjeesan san irraa mi'a yaafachu'uuf dhaqanii reeffa Saa'oliitii fi reeffa ilmaan isaa sadaniituu tulluu Gilbo'a'aa irratti argan. Mataa Saa'olii irraa muranii mi'a lolaa isa irraa yaafatanii galma waaqa tolfamaa ufii keessatti saba ufiititti oduu mishaa kana himu'uuf biyya Filisxeemii keessa naannessan. Achiin maayessa worri Filisxeemii woraana Saa'oliitii fi mi'a woraanaa fakii intalaa ta Astaarooti jedhamtee waamamtuu ta mana qulqulluu keessa jirtu keessa kaayan; reeffa Saa'olii ammo hulee Beetisaan jedhamtu dallawa irratti fannisan. Worri Yaabesh Gil'aad keessa jiraatan waan worri Filisxeemii Saa'oliin irratti hojjatan hennaa dhagayan, loltoonni isaanii worri jajjabaan ka'anii halkan guutuu deemanii reeffa Saa'oliitii fi reeffa ilmaan isaa sadiinii dallaya Beetisaanii irraa buusanii gara Yaabeshii dhufanii achitti isaan guban. Achiin maayessa lafee isaanii fuudhanii Yaabeshiin keessatti muka lafa udume'ee tokko jalatti awwaalanii guyyaa torbaa sooman. Saa'ol haga du'een maayii Daawiti worra Amaaleqii ajjeesee deebi'ee guyyaa lamaa Tsiqilaagiin taa'e. Guyyaa sadeesso'ootitti namni tokko qe'ee Saa'oliitii uffata ufii tarsaasee daaraa mataa ufiititti firfirsee ture; gara Daawitii dhufee kallachaan gad kufee simateen. Daawiti, «Eessaa dhufte?» jedhee gaafateen. Innillee, «Qachaa Israa'eliitii dheessee dhufe» jedheen. Daawiti, «Mee waan ta'e natti himi» jedheen. Innillee, «Loltoonni teenna hulee lolaatii hin dheessan; namoota keenna keessaa nama heddutu du'e; Saa'olii fi ilmi isaa Yoonaataanillee du'aniiran» jedheen. Daawitillee gurbicha oduu fideen, «Saa'olii fi ilmi isaa Yoonaataan akka du'e attamitti beette?» jedheen. Gurbichi oduu fide «Ani akkuma tasaa gara gaara Gilbo'a'aa dhufe; Saa'ol eboo ufii irkifatee dhaabatee ture; worri konkolaataa fardaatiin deemanii fi abboonni farado'oo worri diintota isaanii isaan qabu'uuf hennaa itti dhiyaatan arge; Uf duuba midhatee na argee na waame, anillee yaa jedhe. Inni ati eennu? naan jedhe; anillee Amaaleqicha jedhee deebiseef. Inni, ‹Ani du'uuf gaggabeeraa; lubbuun tiyya haga ammaa na keessa jirti, na irra dhaabadhuutii na ajjeesi!› naan jedhe. Anillee haga kufeen maayii akka hin hafne argee irra dhaabadhee ajjeese; gonfoo mataa isaa irraa; bitoo harka isaa irra jiru fuudhee garana gara gooftaa kiyyaa fideera.» Daawitii fi worri isa woliin jiran maruu gaddanii uffata ufii bibbiinxan; Isaan guraade'een waan du'aniif Saa'ol, ilma isaa Yoonaataa, banii Rabbiitii fi worra Israa'elii maraafuu guddisanii gaddanii booya'aa haga galgalaa sooman. Daawitillee gurbicha oduu fideen, «Ati nama biyyamiiti?» jedhe. Innillee, «Ani ilma nama worra Amaaleqiititti galee jiraatu tokkooti» jedhee deebiseef. Daawitillee, «Nama Rabbi dibe ajjeesu'uuf harka kee hennaa hiixattu maaf sodaachuu dhabde?» jedheen. Kanaan maayessa Daawiti worra isa woliin jiru keessaa tokko waamee, «Ajjeesi» jedhee ajajeen; inni hin dhayeen namichillee hin du'e. Daawiti, «Nama Rabbi dibe ajjeeseera jettee afaan keetiin waan ufitti raddeef, ufitti murteessiteerta» jedheen. Daawiti waan Saa'olii, waan ilma Saa'olii waan Yoonaata'aa faaruu gaddaa kana faarse. Ijoollee Yihuuda'aallee akka barsiisan ajaje; faaruun kun kitaaba yaashaarii keessatti barreeffameera. «Yaa Israa'el! janni kee gaarran gubba'atti woraannamee du'e! jajjaboonni attamitti kufan! Dubartoonni Filisxeemii akka hin gammanne, dubartoonni worra Yihuudii hin taanee akka hin ililfanne, oduu kana Geetiin keessatti hin odeessinaa'a; raasaa Asqaloona'aatitti hin labsinaa'a. «Isin gaarran Gilbo'a'aa! rooba ta'ee'e fixeensi isin irratti hin bu'in! qonni keessan womaa hin biqilchin! gaachenni jajjabootaa achitti waan kufeef; wonteen Saa'olii saayiti'iin waan hin dibamneef Eboon Yoonaata'aa hin ajjeesa, guraadeen Saa'olii ka diina kukkutu jajjaboota dhayee ka caccabsuu fi ka diina ajjeesu ture. «Saa'olii fi Yoonaataan wonti wol ta'aniif waan wol jaalataniif; jireennaa fi du'a isaaniitiin adda hin fooyamne, bajjaan caalaa ariifatan; leenca caalaa jajjaboota turan. «Dubartoota babbareeddan Israa'elii! shinshinii dhiilgee gatii gudda'aa ka isinitti uwwisa'aa tureef Saa'olii uffata keessan worqi'iin bareechisee boyaa'a! «Lola san jiddu'utti jajjaboonni attamitti kufan? Yoonaataan tulluuwwan kee irratti ajjeefamee kufeera. «Obboleessa kiyya Yoonaataa! ani waan keetiif guddisee gadde; ati anaaf jaalalloo turte jaalala guddaa naa qabda ture; jaalalli kee jaalala dubarti'ii caalaa gudda'a. «Jajjaboonni attamitti kufan? meeshaan lolaallee attamitti bade?» Achiin maayessa Daawiti qachoota Yihuuda'aa keessaa gara takkaa bayuu? jedhee Rabbiin gaafate. Rabbillee, «Ee bayi» jedheen. Daawitillee, «Gara qachaa tamii baya?» jedhee gaafate. Rabbillee, «Gara Keebroonii bayi» jedheen. Kanaaf Daawiti haawwota manaa ufii lamaan ta qachaa Iyiziraa'elii Akinaahomii fi Abigiyaa ta Naabaal namichi biyya Qarmeloosii irraa du'e woliin achi dhaqan. Daawitillee namoota isa woliin jiranii fi maatii isaanii maraa fidee qachaa Keebroonii taa'an. Kanaan maayessa namoonni Yihuuda'aa dhufanii akka mana Yihuuda'aa irratti moowu achitti Daawitiin dibanii moosisan; Saa'oliin namoota qachattii Iyyaabisii Gala'aadiititu awwaale jedhanii Daawititti himan. Daawitillee gara namoota Iyyaabisii Gala'aadii dhaamsa ergee akkana isaaniin jedhe, «Isin gooftaa keessan Saa'oliin awwaalu'uun mishummaa waan agarsiiftaniif Rabbi isin haa eebbisu. Rabbi arjumma'aa fi amanamummaa isinitti haa mudhisu; kana waan gootaniif anillee jasaa kana isinii deebisa; gooftaan keessan Saa'ol du'eera; amma cimaa'a! jabaadhaa'a! manni Yihuuda'aa isaan irratti akka mootii ta'u dibanii na moosisaniiran.» Ajajaan loltoota Saa'olii ilmi Neerii Abaaneer ilma Saa'olii Iyyaabustee fuudhee gara Mahannaayiimii ceesise; achitti biyya Gala'aadii, biyya Ashuraanotaa, biyya Iyiziraa'elii, biyya Efreemii, biyya Biiniyaamiitii fi biyya Israa'elii maraa irratti moosise. Ilmi Saa'olii Iyyaabusteen Israa'eliin irratti hennaa mooyuu jalqabe nama woggaa afurtamaa ture; woggaa lamaa mooye; garuu manni Yihuuda'aa Daawitiin duukaa bu'e. Daawitillee hennaa Keebrooniin taa'e, Yihuudaa maraa irratti woggaa torbaa fi wodhakkaa mooye. Ilmi Neerii Abaaneerii fi garboonni Iyyaabustee ilma Saa'olii Mahannaayiimii gara qachaa Gaba'oonii baye. Iyyoo'aabiin Tiruriyaan deettuu fi garboonni Daawitii bayanii hulee bisaan Gaba'oonii dhaabatu biratti wol gayanii gara hulee bisaan itti dhaabatuu gara tokkoon kuuwwan gara biraatiin taa'an. Abaaneerillee Iyyoo'aabiin, «Ka'imtoonni keenna afoo kennatti wol lolu'uun wol haa dorgomanii!» jedhe; Iyyoo'aabillee, «Haa ka'anii» jedhe. Gosa Biiniyaamiitii fi ilma Saa'olii Iyyaabuste'ee kudha lama; garboota Daawitii keessaallee kudha lama laakkayanii lolaaf bayan. Isaan maruu mataa diina ufii qabanii guraadee kale'etti shafaxan wol qabatanii kufan; maqaan hulee sanii «Qonna guraadee qarama'aa» jedhamee waamame; huleen sun Gabaa'oon jedhamti. Guyyaa san lola jaba'atu ture; garboota Daawitii afo'otti Abaaneerii fi namoonni Israa'elii hin mooyataman. Ilmaan Turiyaan deettu Iyyoo'aab, Abisa'aa fi Asaaheelillee achi turan. Asaahelillee akka kuruphee raasa'aa ka fiigichaan ariifatu ture. Asaaheelillee Abaaneeriin soqaa deeme; Abaaneeriin ari'uu irraa bita'aa fi mirga hin gorre. Abaaneerillee uf irra midhatee laalee, «Ati Asaaheelii?» jedheen; innillee, «Ee na'a» jedheen. Abaaneerillee «Gara mirgaa yookaan gara bita'aa gorii ka'imticha tokko qabii meeshaa harkaa fudhadhu» jedheen; Asaaheel garuu isa ari'uu irraa bita'aa fi mirgallee hin gorre; Abaaneeri Asaaheeliin, «Lafaan wolitti akka si hin hodhine na hin ari'in; yoo lafaan wolitti si hodhe ammo attamitti obboleessa kee Iyyoo'aabiin ol jedhee laala?» jedheen. Inni garuu isa jalaa siiquu dide; Abaaneerillee arfii ebo'ootiin garaa woraanee eboon isa keessa lufe; inni hulema sanitti kufee du'e; namni maruu hulee Asaaheel kufee itti du'e san yoo gawu hin dhaabata ture. Iyyoo'aabii fi Abiisaan Abaaneeriin ari'anii karaa gammoojjii Gabaa'oonii afoo Gaadiin haga gayu haga goodda Amaatii yoo bayan aduun hin dhiite. Ijoolleen Biiniyaamii Abaaneeriin biratti wol gayanii hulee tokkotti goodda gubbaa bayanii dhaabatan. Abaaneerillee gara Iyyoo'aabii iyye, «Dhugamaan guraadeen bara baraan nama balleessaa? dhumti isaallee hadhaayaa akka ta'e hin beettuu? baniin obboleewwan ufii ari'uu irraa akka deebi'an haga yoomii hin himne?» jedheen. Iyyoo'aabillee dhugaa Rabbii jiraata'aa uduu dubbachuu dhabaattee baniin ganamaan bayee deeme silaa obboleewwan isaanii ari'uu dhiisanii deebi'an. Iyyoo'aabillee xurumbaa afuufe; baniin maruu hin dhaabate; achiin maayessa Israa'eliin hin ariine; lolallee hin dhiise. Abaaneerii fi namoonnillee halkan guutuu Arabaan lufanii deemanii Yoordaanosiinillee ceeyanii Bitrooniin maraa haga lufaniin maayessa gara Mahannaayiimii dhufan. Iyyoo'aabillee Abaaneeriin ari'uu dhiise; banii maraa wolitti qabee garboota Daawitii keessaa Asaaheeliin ala nama kudha sagalii ajjeesan. Garboonni Daawitii namoota Biiniyaamiitii fi Abaaneerii haga dhibba sadihii fi jahaatamaa ajjeesan. Iyyoo'aabii fi namoonni isa woliin jiran reeffa Asaaheelii kaasanii qachaa Beeteliheemii awwaala abbaa isaa biratti awwaalaniin; kanaan maayessa halkan guutuu deema'aa bulanii hennaa lafti bariitu Keebrooniin gayan. Mana Daawitiitii fi mana Saa'olii jiddu'utti bara hedduuf lolli ta'e; manni Daawitii jabaata'aa, manni Saa'olii ammo dadhaba'aa deeme. Daawitiifillee Keebroonitti ijoolleen dhiiraa dhalataniif; hangaftichi Aminoon Akinaahoomii intala gosa Iyiziraa'elii irraa dhalate. Ka lammeesso'oollee Doloohiyaa haadha manaa Naabaalii ka qachaa Qarmeloosii turte Abigiyaa irraa dhalate; sadeessoonillee Abeseloomii Ma'akaan intalti Talmaayii mootii Geeshurii deette. Arfeessoon Adooniyaasii ilma Agiiti'iiti; shaneessoon Safaaxiyaas ta Abiixaal deetteef; Jaheessoon Yitiraam haadha manaa Daawitii ta Eegilaa irraa dhalate; kunniin maruu Keebroonitti Daawitii dhalatan. Hennaa manni Daawitiitii fi manni Saa'olii wol lolan Abaaneer mana Saa'olii irratti jabaata'aa deeme. Saa'ol mata gala intala Iyyooheelii ta Tsiirfaa jedhamtu qaba; Iyyaabusteen Abaaneeriin, «Mata gala abbaa kiyyaatitti maaf galte?» jedheen. Abaaneerillee dubbii Iyyaabusteen dubbatetti guddisee aaree «Ani abbaa kee mana Saa'olii, firoota isaatii fi obboleewwan isaatii waan mishaa godheera; sillee Daawititti dabarsee si hin kennine; ati adha dubartii tana woliin cubbuu hojjatteerta jettee na himattaa? ani saree faayidaa hin qabnee ka gara worra Yihuuda'aa deebi'uu? Rabbi mootummaa mana Saa'olii irraa fuudhee teessoo Daawitii Israa'elii Rabbi akka Daawitiif kakate akkasuma isa woliin yoo hin goonee Rabbi Abaaneeriin irratti waan kana maraa haa godhu; kanallee itti haa eda'u!» jedhee kakateef. Iyyaabusteen Abaaneeriin sodaata'aa waan tureef waan tokkollee itti deebisuu hin dandeenne. Abaaneerillee Daawitiin, «Biyyattiin ta eennuuti? na woliin waadaa gali; harki kiyyallee si woliin ta'aa; Israa'eliinillee gara kee deebisaa» jedhanii akka itti himaniif ergamtoota itti erge. Daawitillee, «Haa ta'uu si woliin waadaa gala; garuu waan tokko si irraa soqa; hennaa na argu'uuf dhuftu, mucattii Saa'olii Melkooliin yoo naa hin finnee fuula kiyya hin argitu» jedheen. Daawitillee gara ilma Saa'olii gara Iyyaabuste'ee ergamtoota ergee, «Misa Filisxeemota dhibbaatiin haadha manaa tiyya ta qaadhimadhe Melkooliin naa kenni» jedhe. Iyyaabusteenillee, ilma Leesaa abbaa worraa isi'ii Falixi'eeliin irraa fuudhanii akka fidan namoota ergee fijjisiise. Abbaan worraa isi'ii garuu isii woliin booya'aa haga Biraaqii faanaa deeme; Abaaneerillee, «Deebi'i» jedheen. Abaaneerillee jaarsota Israa'eliitiin, «Daawiti duraan isin irratti akka mootii ta'u barbaaddanii turtan. Rabbi, ‹Karaa garbicha kiyya Daawitiitiin banii Israa'elii harka Filisxeemotaatii fi diintota keessan maraa jalaa isin hambisa› jedhee waan dubbateeruuf; eegasuu isin amma waan kana godhaa'a» jedhee isaanitti hime. Abaaneerillee worra Biiniyaamiititti hime; Abaaneer waan Israa'elii fi manni Biiniyaamii waan mishaa godhu'uuf wolii galan san Daawititti himu'uuf gara Keebroonii deeme. Abaaneerillee namoota diddamaa woliin gara Keebroonii gara Daawitii dhufe; Daawitillee Abaaneerii fi namoota isa woliin turaniif nyaachisa qopheesse. Gaafasuma Abaaneerillee Daawitiin «Ka'ee haa deemuu si woliin waadaa akka godhan, haguma qalbiin tee jaalatte maraa akka bitu Israa'elii maraa mootii gooftaa kiyyaaf wolitti haa qabuu» jedheen; Daawitillee Abaaneeriin nagayaan geegesse. Hennaa san loltoonni Daawitiitii fi Iyyoo'aabii boojuu guddaa booji'anii dhufan; Abaaneer ammo Daawitiin geegessee nagayaan deeme malee Keebroonitti hin turre. Iyyoo'aabii fi loltoonni isa woliin turan maruu hennaa dhufan, ilmi Neerii Abaaneer gara mootichaa dhufee, mootichillee nagayaan geegesseen jedhanii Iyyoo'aabitti himan. Iyyoo'aabillee gara mootichaa seenee «Wonti goote kun maali'i? Abaaneer gara kee dhufee ture, maaf nagayaan akka deemu geegessite? Ilmi Neerii Abaaneer ka si sobu'uuf, karaa bayaaf gala keetii fi waan ati gootu maraa hubachu'uuf akka dhufe hin beettuu?» jedheen. Haga Iyyoo'aab afoo Daawitiitii ka'ee deemeen maayessa Abaaneeriin akka fidaniif ergamtoota erge; isaanillee boolla bisaanii ka Seeyiraa jedhamu biraa qabanii deebisan; Daawiti garuu waan kana oduu hin qabu ture. Abaaneerillee gara Keebroonii hennaa deebi'e, Iyyoo'aab balbala afo'otti hennaa diqqo'oof isa woliin dubbatu'uuf akka waan isa woliin waa dubbatuu godhee gara balbalaa siisse; achumatti dhiiga obboleessa ufii Asaaheeliitiif haluu bayu'uuf garaa woraaneen; innillee hin du'e. Daawiti wonti kun akka raawwatame hennaa dhagaye, «Waan Dhiiga ilma Neerii Abaaneerii ani Rabbiin biratti bara baraan qulqullu'u; mootummaan kiyyallee qulqullu'u. Kanaafuu dhiinni isaa mataa Iyyoo'aabiitii fi mana abbaa isaa marattuu haa dhufu; mana Iyyoo'aabiititti namni dhukkuba fanxo'oo qabu, dhukkuba gogaa kukkutuun qabame, yookaan hokkolaan, yookaan ka guraade'een du'u, yookaan beelayaan hin dhabamin» jedhe. Iyyoo'aabii fi obboleessi isaa Abiisaan lola Gabaa'ooniititti obboleessa isaanii Asaaheeliin ajjeesee waan tureef, Abaaneeriin ajjeesan. Kanaan maayessa Daawitillee Iyyoo'aabii fi banii isa woliin turan maraan uffata keessan biinxa'aa uffata gaddaa uffadhaa'a; afoo Abaaneriititti booyaa'a jedheen; Daawiti wosaasaa reeffaa duubaan deeme. Abaaneeriin Keebroonitti awwaalan; mootiinillee laagaa ol qabatee awwaala Abaaneerii biratti booye; baniin maruu hin booyan; mootichillee Abaaneeriif, «Abaaneer akka namni amshaaggaan du'utti du'aa? Harki si hin hidhamne, lutti kee haada sibiilaatiin hin qabamne, akkuma nama harka worra waan hamaa hojjatutti kufuu, atillee akkasuma kufte!» jedhee faarsee booye; baniin maruu ammallee guddisanii mararamanii booyan. Achiin maayessa Baniin maruu, «Uduu aduun hin dhiine Daawitiin waa haa nyaatu'uuf waaman; Daawiti garuu aduun uduu hin seenne buddeena yookaan waan biraa yoo afaaniin qabe Rabbi kana na irratti haa godhu; kanallee natti haa eda'u!» jedhee kakate. Baniin maruu hennaa kana argan guddisanii gammadan; afoo bani'ii marattuu wonti mootiin godhe maruu isaan gammachiise. Guyyaa san baniin maruu worri Israa'elii maruu duuti ilma Neerii ka Abaaneerii mooticha biraa akka hin taane beekan. Mootiinillee garboota isaatiin adha namni ajajaan guddaan Israa'eliin keessaa akka du'e hin beettanii? Ani yoma nama mootumma'aaf dibame ta'ellee dadhaba'a; namoonni kunniin ijoolleen Tsuuriya'aa jabaatanii na irratti hammaataniiran; Rabbi nama hamaa hojjate irratti akkuma hammeenna isaatitti isatti haa deebisuu!» isaaniin jedhe. Ilmi Saa'olii Iyyabuusteen akka Abaaneer Keebroonitti du'e hennaa dhagaye, harki isaa dadhabe; Israa'eloonni maruu hin nayan; ilmi Saa'olii Iyyabuusteen bulchoota worra duuluu namoota lama qaba ture; maqaan tokkoo Ba'aana'a; maqaan ka lammeesso'oo Reekaab ture; ijoollee gosa Biiniyaamii keessaa ijoollee Reemooniititu ture; Bi'eerootillee akka gosa Biiniyaamiititti laakkayamti. Namoonni biyya Bi'eerootiillee gara qachaa Geetemiititti baqatanii turan; haga adhaallee achuma jiraatan. Ilmi Saa'olii Yoonaataan ilma laamshayaa tokko qaba ture; Saa'olii fi Yoonaataan hennaa du'an inni ijoollee woggaa shanii ture; oduun du'uu Saa'oliitii fi Yoonaataa qachaa Iyiziraa'eliitii hennaa odeeffamu ta isa guddiftu isa baadhattee baqatte; garuu uduu ariifattee dheessitu harkaa kufee laamshayaa ta'e; maqaan isaa Memfiboostee jedhama ture. Ijoolleen Reemoonii ka Bi'eerootaa Reekaabii fi Ba'aanaan hennaa aduun oo'ite gara mana Iyyaabuuste'ee dhufan; inni hennaa aduun oo'ite guyyaa afaa irra ciisee ture. Ta balbala eeddu balbalatti qamadii hafarsa'aa turte; isiin muddee raftee turte; kanaaf Reekaabii fi obboleessi isaa Ba'aanaan suutaan mana seenan. Hennaa gara manaa seenan, inni gola keessatti afinaa irra rafee uduu jiru dhayanii ajjeesan; morma isaallee muranii fudhatan; halkan guutuu karaa Arabaatiin deeman. Mataa Iyyaabuste'eellee qabatanii gara Keebroonii gara Daawitii fidan; mootichaan, «Ka lubbuu kee soqa'aa ture ka diina keetii ilma Saa'olii kunoo mataa Iyyaabuste'ee Rabbi adha Saa'oliif fiixaa gooftaa mootii keennaatiif haluu bayeeraaf» jedhaniin. Daawiti garuu ijoollee Reemoonii ka Bi'eerootaa Reekaabii fi obboleessa isaa Ba'aana'aa akkana jedhee deebiseef; «Lubbuu kiyya rakkoo maraa irraa ka fayyise Rabbiin jiraataan oduu michuu waan qabate fakkaatee, gammachuu du'a Saa'olii ka natti hime gatii akka ta'uuf qabee Tsiqilaagitti ajjeese. Kana ammo nama qulqulluu mana ufii ciisa'aa ture ka ajjeeftan isin cubbamtoota attami'iiti? dhiiga isaa harka keessan irraa hin soquu? lafa irraa isin hin balleessuu!» Daawitillee loltoota ufii ajajee harkaa fi luka isaanii muranii isaan ajjeesanii reeffa isaanii Keebrooniin hulee bisaan kuufamu biratti rarraasan; mataa Iyyaabuste'ee ammo fuudhanii Keebroonitti awwaala Abaaneerii biratti awwaalan. Kanaan maayessa gofti Israa'elii maruu Keebroonitti gara Daawitii dhufanii, «Nu'u foon tokkoo fi lafee tokko. Durumaanuu Saa'ol nu irratti mootii ta'ee uduu jiru Israa'eliin situ baasee galcha'aa ture; Rabbillee «Ati banii kiyya Israa'eliin hin eedda; Israa'eliin irrattillee bulchaa taata siin jedhee ture» jedhaniin. Jaarsonni Israa'elii maruu gara Keebroonii gara mooti'ii dhufan; mootichi Daawiti Keebroonitti afoo Rabbiititti isaan woliin waadaa gale; Israa'eliin irratti mootii akka ta'u Daawitiin muudan. Daawiti hennaa mooyuu jalqabu ka'ima woggaa soddomaa ture; inni woggaa afurtama mooye. Hennaa Keebrooniin ture woggaa torbaa fi ji'a jahaa Yihuudaa irratti mooye; Yerusaalemittillee Yihuuda'aa fi Israa'elii maraa irratti woggaa soddomii sadihii mooye. Mootichinii fi namoonni namoota Iyyaabusii woliin wol lolu'uuf gara Yerusaalemii duulan; isaanillee Daawiti garas waan hin dhandhe itti fakkaatee, worri achi jiraatan Daawitiin, «Ati garana seenuu hin dandeettu; worri ijaan hin arginee fi worri hokkoluu uf irraa si deebisan» jedhaniin. Garuu Daawiti kushee isaan Tsiyoonitti hojjatan hin qabate; isiinillee «Qachaa Daawitii» jedhamtee waamamte. Guyyaa san Daawiti Iyyaabusoota ka dhayu karaa deemsa bisaaniitiin haa bayuu; ka lubbuun Daawitii jibbitu worra ijaan hin arginee fi worra hokkolu haa baasuu» jedhe; worri ijaan hin arginee fi worri hokkoluu gara manaa akka hin seene jedhame. Daawitillee kushee san haga qabateen maayessa achuma jiraate; bakka sanillee «Qachaa Daawitii» jedhee maqaa itti baase; Daawitillee naannaya isi'ii Miilooniin irraa jalqabee gara keessaa hojjate. Waan Rabbi Waandhi banii maraa isa woliin tureef Daawiti jabaata'aa deeme. Mootiin Xiiroosii Kiraam hojjattoota, muka birbirsaa, ogeeyyii mukaa, worra dhaga'aan mana ijaaran ergee Daawitiif mana ijaaran. Daawitillee akka Rabbi Israa'eliin irratti mootii godhee isa jabeessee fi banii ufiitiif jedhee mootummaa isaa akka ol guddise beeke. Daawiti Keebroonii haga dhufeen maayessa haawwota manaa ufiitii fi mata galtoota Yerusaalemii fidate; Daawitii ijoolleen dhiiraatii fi ijoolleen intalaa baay'een dhalataniif. Ijoolleen Yerusaalemitti dhalataniif maqaan isaanii; Saamus, Soobaab, Naataan, Solomoon, Yaabeehoor, Eelisuwaa, Naafeeq, Yaafiyaa, Elsaamaa, Eldaahe'ee fi Elifaalaatiin fa'a. Filisxeemonni akka Daawiti Israa'eliin irratti mootii ta'ee muudame dhagayanii worri Filisxeemii maruu Daawitiin soqu'uuf bayan; Daawitillee hennaa dhagaye gara hulee itti dhokateeruu bu'e. Filisxeemonni dhufanii dhooqa Raaffaayimiititti faca'anii quphatan. Daawitillee, «Gara worra Filisxeemii bawuu? dabarsitee harka kiyya jala naa oolchitaa?» jedhee Rabbiin gaafate; Rabbillee Daawitiin, «Ani dhugamaan worra Filisxeemii dabarsee si jala oolchaa bayi» jedheen. Daawitillee gara Ba'aalparaasimii dhufe; achumatti dhayee «Akkuma lolaan bisaanii diigee seenutti Rabbi diintota kiyya diige» jedhe; kanaaf maqaa hulee sanii, «Ba'aalparaasim» jedhee itti baase. Waaqolee isaanii achitti dhiisan; Daawitii fi namoonni isaa hin fudhatan. Worri Filisxeemii ammallee deebi'anii dhufan; dhooqa Raaffaayimiititti faca'anii quphatan. Daawitillee Rabbiin gaafate; innillee, «Duuba isaanii naannayii odaa afoo taa'i malee hin bayin» jedheen. Haafa oda'aa irratti laagaa dhuka'a rasaasaa yoo dhageette hennaa san Rabbi loltoota Filisxeemii dhawu'uuf afoo keetitti bayeera ta'aa hennaa san ariifadhu» jedheen. Daawitillee akkuma Rabbi ajajeen godhe; worra Filisxeemii Gabaa'oonii haga Geezirii dhaye. Daawiti ammallee Israa'eliin keessaa worra filataman namoota haga kuma soddomaa wolitti qabe. Daawitii fi baniin isa woliin turan maruu Ba'aalii Yihuudaa keessa jirtuu ka'anii maqaa Rabbii Gooftaa banii maraa ka Kiruubeelii irra taa'een waamamu gabatee saanduuqa Rabbii achii fidu'uuf deeman. Saanduuqa waadaa Rabbii konkolaataa fardaa haarawa irratti fe'anii mana Aminaadaabii ka gaara irra turee fidan; ijoolleen Aminaadaabii Ooza'aa fi Ahaayu konkolaataa fardaa haarawa oofa'aa turan. Saanduuqa waadaa Rabbii mana Aminaadaabii ka tulluu irra jiru irraa hennaa fidan Ahiyoon saanduuqa waadaa Rabbii afoo deema'aa ture. Daawitii fi manni Israa'elii maruu faaruu masiinqoo'o, dibbee'e, laagaa kiraaraa, meeshaa faaru'uu ka adda addaatii fi sibiila shaka shaka jedhuun afoo Rabbiititti hunna guutu'uun taphata'aa turan. Hennaa oobdii Naakoonii gayan sangoonni buburraaqa'aa turan; Oozaan harkaan hiixatee saanduuqa waadaa Rabbii qabe. Lolli Rabbii Oozaa irratti jabaate; Rabbillee waan ugga isaatiif achumatti isa qoome; achumatti saanduuqa waadaa Rabbii biratti du'e. Rabbillee Oozaa waan ajjeeseef Daawiti gaddee haga adhaa maqaan hulee sanii «Feereetsi Oozaa » jedhamee itti baye. Guyyaa san Daawiti Rabbiin sodaatee, «Saanduundhi waadaa Rabbii attamitti gara kiyya dhufa?» jedhe. Daawitillee saanduuqa waadaa Rabbii gara qachaa ufii fiduu hin jaalanne; Daawitillee mana Abidaaraa nama Geetiititti galche. Saanduundhi waadaa Rabbii mana Abidaaraa nama Geetii haga ji'a sadihii taa'e; Rabbillee Abidaara'aa fi mana isaa maraa hin eebbise. Mootichi Daawiti Rabbi mana Abidaara'aatii fi waan inni qabu maraa sababaa saanduuqa waadaa Rabbiitiif akka eebbise dhagaye; Daawitillee dhaqee saanduuqa waadaa Rabbii mana Abidaara'aatii gara qachaa Daawitii gammachu'uun akka fidan godhe. Worri saanduuqa Rabbii baatan akkuma tarkaanfii jahaa deemaniin korma tokkoo fi mirgoo tokko fidee ciincesse. Daawitillee hunna ufii maraan Rabbiin afo'otti shubbisa'aa ture; Daawitillee uffata ulfinnaa uffatee ture. Daawitii fi manni Israa'elii maruu hoo jedha'aa xurumbaa afuufa'aa saanduuqa waadaa Rabbii fidan. Saanduundhi waadaa Rabbii gara qachaa Daawitii hennaa gale intalti Saa'olii Meelkool foddaa irraan argite; mootichi Daawiti Rabbiin afo'otti utaala'aa hennaa shubbisu argitee qalbii ufii keessatti isa tuffate. Saanduuqa waadaa Rabbii fidanii, daasee Daawiti qopheesseef hulee dallawame kaayan; Daawitillee ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa Rabbiin afo'otti dhiyeesse. Daawitillee ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa dhiyeessee haga raawwateen maayessa maqaa Rabbii Gooftaa banii maraatiin namoota eebbise. Banii maraafuu gosa Israa'eliitii, dhiiraa, dubarti'iif tokko tokko isaaniitiif buddeena tokko tokko, muraa foonii tokko tokkoo fi daraaraa woyini'ii ka baxxeeffame qoodan; baniin maruu mana mana ufiititti galan. Achiin maayessa Daawitillee maatii ufii eebbisu'uuf deebi'e; intalti Saa'olii Meelkool Daawitiin simatu'uuf gad baatee, «Akka womaa womteen qullaa uf mudhisan mootiin Israa'elii afoo babbreeddan garboota ufiititti uffata mulqatee qullaa ta'uun ka hagam kabajjame!» jetteen. Daawitillee Meelkooliin, «Rabbiin afo'otti shubbiseera; banii Israa'elii akka bulchu abbaa keetii fi mana isaa caalaa Rabbiin na filate ka eebbifame haa ta'u; kanaafuu Rabbiin afo'otti uf salphisa. Ammallee haga amma ta'e kana caalaa ka tuffatame ta'a; ija kee afo'otti hin salphadha; garuu babbreeddan ati waan isaanii dubbatte biratti ulfinna argadha!» isi'iin jedhe. Sababaa kanaaf Meelkool intalti Saa'olii uduu finna hin deenne duute. Mootichi Daawiti waan Rabbi diintota naannoo isaa jiran maraa irraa isa eegeef mana mootummaa ufii keessatti sodaa malee jiraate. Achiin maayessa mootichi Naataanii raattichaan «Ani kunoo mana muka birbirsaatiin ijaarame keessa jiraadha; saanduundhi waadaa Rabbii ammo daasee keessa jiraata!» jedheen. Naataan Daawitiin, «Rabbi waan si woliin jiruuf waan garaa kee keessatti yaadde godhi» jedheen. Garuu halkan san Rabbi Naataaniin «Deemii garbicha kiyya Daawitiin waan ani sitti himu akkana jedhii itti himi; ‹Mana qulqullumma'aa ka ani keessa jiraadhu situ ijaaraa? Urga banii Israa'elii biyya Misirii keessaa bilisa baase irraa jalqabee haga ammaa daasee keessa jiraata'aa hulee tokkoo gara hulee tokkoo jijjiirama'aa jiraadhe malee mana keessa hin jiraanne. Ijoollee Israa'elii maraa woliin hulee gaye maratti maaf mana muka birbirsaatiin naa hin ijaarre jedhee banii Israa'elii akka bulchaniif bulchoota filadhe keessaa namni gaafadhe hin jiraa? kanaafuu garbicha kiyya Daawitiin Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedha jedhii itti himi; ‹ani hulee ati hoolota tissituu si fuudhee bulchaa banii kiyya ka Israa'elii si taasise; hulee ati deemtu marattuu si woliin ture; diintota kee maraa si afo'oo balleesse; asiin maayessallee akka worra bulchoota adunyaa irratti beekkaman beekkamaa si taasiseera. Barri kee dhumatee hennaa duute ka gudeeda keetii bawu mootii taasisa; mootummaa isaallee hin jabeessa. Innillee mana maqaan kiyya itti waamamu naa ijaara; mootummaa isaallee baraa haga bara baraa hin jabeessa. Ani abbaa isaa ta'a; innillee ilma naa ta'a; yoo waan hamaa hojjate akkuma abbaan ilma ufii adabu adabaan. Akka Saa'oliin afoo kiyyaa balleessee fi araara kiyya irraa fageesse araara kiyya isa irraa hin fageessu. Manni keetii fi mootummaan kee afoo kiyyatti baraa haga bara baraa jabaata; teessoon keellee baraa haga bara baraa jabaata.› » Akkuma dubbii kanaatiif mudhata maraan Naataan Daawitii ibse. Kanaan maayessa mootichi Daawiti Rabbiin afoo taa'ee, «Rabbi Waaqa kiyya; haga adhaa ka na geessite ani eennu? maatiin kiyyallee maali'i? Rabbi Waaqa kiyya! kun ija kee afo'otti waan diqqo'o; akkasuu ta'ee ammallee waan caalu hojjata'aarta. Waan garboota keetii baroota dhufan keessatti abdii baay'ee dubbatteerta; Rabbi Waaqa kiyya! waan goote kana namoota maraafuu akkasuma gootaa? Eeganaa maal siin jedha? Rabbi Waaqa kiyya! ana garbicha kee hin beetta. Waan guddaa kana akka dubbii keetiitii fi akka fedha keetiititti wonti goote akka garbichi kee beekuuf. Kanaafuu Rabbi Waaqa kiyya! ka akka keetii waan hin jirreef akkuma gurraan dhageenne san maraa si malee Waandhi waan hin jirreef ati gudda'a. Isaaf akka ta'u banii fayyisu'uuf maqaa ufiitiif godhachu'uuf waan ajaa'ibaatii fi waan maalalee godhu'uuf bani'ii fi waaqolee tolfamaa isaa afoo isaaniitii balleessu'uuf Rabbi garbummaa biyya Misirii jalaa isaan baase ka akka banii kee Israa'elii jiru lafa irra banii maaltu jira? Banii kee Israa'eeliin bara baraaf banii kee gootee jabeessiteerta; Waaqa kiyya; atillee Waaqa isaanii taateerta. «Yaa Waaqa kiyya! ammallee garbicha keetii fi mana isaatii waan dubbatte bara baraaf jabeessii akkuma dubbatte raawwadhu. Rabbi Gooftaan banii maraa akka Waaqa Israa'elii jedhamu maqaan kee bara baraan haa guddatu; manni Daawitii ka garbicha keetii si afo'otti ka jabaate haa ta'u. Waaqa kiyya; Waaqa gooftaa banii Israa'elii ati mana sii ijaara jettee garbicha keetitti waan ibsiteertuuf tajaajilaan kee kadhaa kana gara kee dhiyeessu'uuf uggeera. «Rabbii jiraataa'a; ati ammallee Waaquma; dubbiin keellee dhuga'a; abdii mishaa kana garbicha keetitti dubbatteerta. Rabbi Gooftaa kiyya! ati waan dubbatteertuuf eeganaa ammallee baraa haga bara baraa afoo kee akka ta'u mana garbicha keetii yabo'oo eebbisi manni garbicha keetii baraa haga bara baraa ka eebbifame haa ta'u» jedhee faateffate. Achiin maayessa Daawiti worra Filisxeemii injifatee uf jala galche; qachaa «Meeteeg aamaa» jedhamtu isaan jalaa fudhate. Ammallee mootichi Daawiti worra Moo'aabii injifate; worra hidhaman akka lafa irra ciciisan godhee namoota sadihii keessaa namoonni lamaa akka du'an taasise. Kanaafuu worri Moo'aabii garboota isaa ta'anii gabbara'aa turan; Achiin maayessa Daawiti biyya laga Eefraaxisi ladda jiru qabachu'uuf hennaa deeme ilma Ra'aabii mootii Suuba'aa Adir'aazaariin dhayee ajjeese. Daawiti isa irraa worra farado'oo kuma tokkoo fi dhibba torbaatii fi worra miilaan deeman namoota kuma diddamaa booji'ee moorgaya faradoo isaanii kukkutee konkolaataa fardaa dhibbaa callaa hambise. Worra Sooriya'aa ka Damaasqoo keessa jiraatan Adir'aazariin gargaaru'uuf loltoota erginaan Daawiti lolee loltoota kuma lamaa ajjeese. Achiin maayessa Daawiti Damaasqoo keessatti hulee lolaa qopheesse worri Sooriya'aallee isaa garboota ta'anii gabbaraniin; Rabbi Daawitiin hulee inni dhaqe marattuu akka injifatu taasise. Daawiti ajajoonni Adir'aazarii hidhatan wontee worqii irraa hojjatame booji'ee gara Yerusaalemii fide. Mootichi Daawiti qachoota Adir'aazarii Beexahina'aa fi Biruutaayiin keessaa sibiila diimaa baay'ee fudhate. Mootiin Hamaatii Too'u akka Daawiti loltoota Adir'aazarii maraa injifate dhagaye. Too'u waan Adi'aazariin wol lola'aa tureef sababaa kanaaf mootichi Adir'aazar waan injifatameef isaa gammadee ilma ufii Uraamiin gara Daawitii erge; innillee meeshaa worqi'ii, birri'ii fi Sibiila diimaa qabatee dhaqe. Daawiti hulee dhooqa sooqiddaa jedhamtee waamamtutti worra Eedoomii kuma kudha saddeetii ajjeesee hennaa deebi'e nama gurraa ta'e. Biyya Eedoomii maratti hulee loltoonni itti quphatan baay'ee ijaare; namoonni achi jiraatan isa jalatti bulan; Rabbi Daawitii hulee inni deeme maratti mootee kenneef. Daawiti Israa'elii mara irratti mooye banii maraaf hennaa maraa murtii dhuga'aa akka argatu xaara'aa ture. Ilmi Xuru'aa Iyyoo'aab ajajaa loltootaa yoo ta'u ilmi Ahiluudii Iyyoosaafixi barreessaa seena'aa ture. Ilmi Akixoobii Saadooqii fi ilmi Abileeqii Abiyaataar gadoota turan; Sarayaanillee barreessaa ture. Ilmi Yoodaahe'ee Banayaas worra Kaltaawotaatii fi worra Filiitotaa irratti ajajaa naannoo mana mootumma'aa ture; ijoolleen Daawitiillee worra gorsa isaa kennan turan. Daawiti gaaf tokko, «Jasaa waan Yoonaata'aatiif akka deebisu mana Saa'olii keessaa ka hafe jiraa?» jedheen. Mana Saa'olii keessa garbicha Sibaa jedhamu tokko gara mana Daawitii waamanii mootichi «Ati Siiba'aa?» jedheen; innillee «Ee ani garbicha keeti!» jedhe. Mootichillee, «Jasaa Rabbi akka isaa deebisu mana Saa'olii keessaa namni tokkollee hin hafnee?» jedheen; Sibaanillee mootichaan «Ilma Yoonaata'aa ka lutti isaa laamsho'oo tokkotu jira» jedheen. Mootichi, «Eessa jira?» Jedheen; Sibaan mootichaan «Inni mana Maakirii ilma Ami'eelii jira» jedheen. Kanaaf mootichi Daawiti ergee Loodobaarii mana Maakirii ilma Ami'eeliitii fijjisiise. Ilmi ilma Saa'olii Memfiboosteen gara Daawitii dhufee gad jedhee nagaya isa gaafate; Daawitillee «Memfiboostee!» jedhee waame; innillee, «Yaa!» jedhe. Daawiti, «Jasaa abbaa keetii ka Yoonaata'aa deebisu'uuf sii arjoomeeraa hin sodaatin; lafa akaakayyuu keetii ka Saa'olii maraa sii deebisa; atillee kooboo kiyya irraa nyaatta. Memfiboosteenillee, «Ana nama saree du'e fakkaatu ana gara garbicha keetii attamitti laalte? jedhee gad jedhee kabajjaa kenneef. Kanaan maayessa mootichi garbicha Saa'olii Sibaa waamee «Qabeenna Saa'oliitii fi maatii isaa maraa ilma isaa Memfibooste'eef kenneera; atii fi ijoolleen tee hojjattoonni tee lafa qota'aafii ilma gooftaa keetiitiif nyaata akka ta'u midhaan galchiif; ilmi gooftaa keetii Memfiboosteen garuu hennaa maraa kooboo kiyya keessaa nyaata» jedheen. Sibaan ijoollee kudha shanii fi garboota diddama qaba. Sibaanillee mootichaan «Gooftaan kiyya; mootii akkuma mootichi garbicha ufii ajaje ani garbichi keellee akkasuma godha. Akka kanaan Memfiboosteen ijoollee mootichaa keessaa akka tokkootitti kooboo Daawitii irraa nyaata'aa ture. Memfiboosteen mucaa diqqaa Mikaa jedhamu qaba ture; namoonni mana Siba'aa jiran maruu Memfibooste'ee hojjatan ture. Kanaafuu Memfiboosteen luka lamaan naafaa Yerusaalemiin keessa taa'ee kooboo mootichaa irraa nyaata'aa ture. Kanaan maayessa mootiin Amoonotaa duunaan ilmi isaa Haanoon bakka isaa mooye; Mootichi Daawiti, «Akkuma abbaan isaa Naa'oos jasaa naa oole anillee ilma isaa Haanoonii goshoo amanamaa ta'u'uuf jasaa isaa hin deebisa» jedhe; kanaafuu Daawiti gadda isaa qoodamu'uuf ergamtoota erge; isaan akkuma Amooniin gayaniin, «Bulchoonni Amoonotaa mootii Haanooniin wonti Daawiti namoota kanniin ergeef abbaa kee kabajju'uuf si woliin waan gaddu sitti fakkaataa? sirimaa akkas sitti hin fakkaatin; inni namoota kanniin wonti ergeef qachattii irratti balaa buusu'uuf akka isaa tolu gaadu'uufii mii?» Jedhaniin. Haanoon garboota Daawiti erge qabee areeda cinaa tokkoo haadee uffata isaan uffataniiran haga mudhi'ii hulee lamatti biinxee isaan ari'e; isaan gara manaa galuu waan saalfataniif garboota isaanitti ergee haga areenni isaanii bawuuf akka hin gallee Iyyaarikoo keessa akka turan isaanitti hime. Worri Amoonotaa ufumaan Daawitiin akka diina ufii godhan haga hubatan Amoonota keessaa nama erganii worra Sooriya'aa ka Beeta Ro'aabii Suubaa keessaa namoota lukaan deeman kuma diddama; mootummaa Maa'ikaa keessaa namoota kuma kudhanii fi Xuubiin keessaallee namoota kuma kudha lamaa qaxaran. Daawiti haga waan kana dhagaye Iyyoo'aabiin loltoota maraa woliin duulchise. Worri Amoonotaallee bayanii karra seensaa afo'otti quphatan; namoonni Suuba'aa Ra'aabii, Sooriya'aa Xuubiitii fi Maa'ika'aallee hojjuma ufii araddaa badhaa keessa turan. Iyyoo'aab akka diintonni isaa afo'oo fi duubaan isa marsan haga arge, loltoota janna ta'an Israa'eliin keessaa filee worra Sooriya'aa afoo hulee isaanii ta'uun isaan ramade. Banii hafe obboleessi isaa Abisaan akka masakku godhee namoota Amoonii afo'otti lolaaf yaase; Iyyoo'aab Abisa'aan, «Worri Sooriya'aa hennaa na injifachu'uuf dhufan yoo argite koottuu na gargaari; anillee hennaa worri Amoonii si injifachuu gayan dhufee si gargaaraa. Kanaafuu jabaadhu banii keennaa fi qachaa Rabbii keennaatiif haa jabaannuu; eeganaa wonti maruu akka fedha Rabbii haa ta'u!» jedheen. Iyyoo'aabii fi loltoonni isa woliin turan worra Sooriya'aatiin lolu'uuf hennaa gara afo'oo deeman worri Sooriya'aa isaan afo'oo dheessan; worri Amooniillee worri Sooriya'aa akka dheessan haga argan isaanillee afoo Abisa'aatii dheessanii gara qachatti'ii galan. Iyyoo'aabillee worra Amoonii biraa deebi'ee gara Yerusaalemii gale. Worri Sooriya'aa akka worri Israa'elii isaan injifatan haga argan loltoota ufii maraa hulee tokkotti wolitti qaban. Mootiin Suuba'aa Adir'aazar worra Sooriya'aa ka gara baya biiftu'uutiin jiraniititti ergee; isaanillee Soobaaki ajajaan loltoota Adir'aazarii gara Eelaamii dhufan. Daawiti haga waan kana dhagaye loltoota Israa'elii maraa wolitti qabee laga Yoordaanosii ceeyee gara hulee worri Sooriya'aa itti quphateeru Eelaamiin dhaqe; worri Sooriya'aa ka'anii Daawitiin lolan. Garuu worri Sooriya'aa isaan jalaa dheessan; Daawiti worra Sooriya'aa harkaa konkolaataa fardaa dhibba torbaa fi worra farda yaabbatan kuma afurtama ajjeesee; ajajaa loltootaa Soobaakiinillee dhayee achumatti ajjeese. Mootota bulchiinsa Adir'aazarii jala jiran akka worri Israa'elii isaan mooyatan haga beekan isaan woliin wolii galtee nagayaa godhanii Israa'eliin jalatti bulan; achiin maayessa worri Sooriya'aa deebi'anii lammeessoo worra Amoonii gargaaruu sodaatan. Jalqaba wogga'aa irratti hennaa mootonni duulaaf bayan Daawiti Iyyoo'aabiin ajajoota loltootaatii fi loltoota Israa'elii maraa woliin duulchise; isaanillee worra Amoonii mooyatanii qachaa Raabaa jedhamtee waamamtu marse; Daawiti ammo Yerusaalemitti hafe. Guyyaa tokko saafaya Daawiti hirribaa ka'ee gamoo mana mootumma'aa gubbaa bayee asii fi achi uduu deddeemu dubartii takka uduu nafa dhiqattu arge; isiin guddiftee bareeddi. Kanaaf isiin eennuun akka taate beeku'uuf Daawiti nama tokko erge; isiin Beersaabeehi jedhamti; inni isii haadha manaa Ooriyoo ilma Eeliyaamii gosa Hitaawotaa akka taate beeke. Daawiti isi'itti namoota ergee waamsisee bira gaye; hennaan sun hennaa dubartiin garaa argitu irraa dhaabate ture; achiin maayessa dubartittiin gara mana ufii deebite. Kanaan maayessa dubartittiin akka ulfoofte beettee ani sii ulfaayeera jettee nama gara Daawitii ergite. Kanaan maayessa Daawiti, «Ooriyoonii Hitaayicha gara kiyya ergi» jedhe; Iyyoo'aabillee Ooriyooniin gara Daawitii erge. Ooriyoon hennaa gara isaa dhufe Daawiti Ooriyooniin, «Iyyoo'aabii fi loltoonni nagaya jiranii? haalli lolaa akkam ta'e?» jedhee gaafate. Kanaan maayessa Daawiti Ooriyooniin, «Eeganaa gara manaa deemii luka kee dhiqadhu» Jedheen; Ooriyoon Daawitiin afo'oo akkuma bayeen Daawiti yoosuu nyaata ergeef; Ooriyoon ammo uduu gara mana ufii hin deemne loltoota mana mootumma'aa eegan woliin afaanuma balbala mana mootichaa rafee bule; Daawiti akka Ooriyoon gara mana ufii hin galle hennaa dhagaye hennaa dheera'aaf maati'iin adda baatee amma deebi'aarta wonti ati amma gara mana keetii hin deemneef maali'i?» jedhee gaafate. Ooriyoonillee, «Namoonni Israa'eliitii fi Yihuuda'aa hulee lolaa lafa badhaa keessatti quphataniiran; saanduundhi waada'aallee goom'ee keessa isaan bira jira; ajajaan loltoota kiyyaa Iyyoo'aabii fi ajajoonni loltoota isaallee dirree lolaa irratti quphataniiran; ani attamitti nyaadhee dhugee haadha manaa tiyya woliin ciisuu danda'a? waan akkanaa kana sirimaa akka hin goone lubbuu teetiin kakadha» jedhe. Daawitillee Ooriyooniin, «Adha na bira ooli; boru si geegessaa» jedheen; kanaaf Ooriyoonillee guyyaa sanii fi halkan san Yerusaalemiin keessa bule. Daawiti Ooriyooniin hurbaata affeereenii akka machaayu daadhii woyini'ii obaase; halkan san Ooriyoon mana mootumma'aa ka loltootaa keessa uffata affatee rafe garuu gara mana ufii hin galle. Bariisaa san Daawiti xalayaa Iyyoo'aabii barreessee Ooriyoonitti kennee erge. Dubbiin inni barreesse «Ooriyooniin kolba lolli jabaateen dhaabsis; achiin maayessa ati duuba isaa deebi'ii akka inni du'u godhi» ka jedhu ture. Akkaataa kanaan Iyyoo'aab qachattii marsee qabee uduu jiru hulee lolli jabaateen laalee Ooriyooniin erge. Loltoonni diintota isaanii qachattii sanii bayanii loltoota Iyyoo'aabiitiin lolan; ajajoota loltoota Daawitii keessaa namoota hago'oo fi Ooriyoo ajjeesan. Kanaan maayessa Iyyoo'aab oduu lolaa gara Daawitii erge. Nama ergamu san akkana jedhee ajaje; waan lolaa haga mootichatti himteen maayessa, Mootichi aaree akkana siin jechuu danda'a; ‹Isaaniin lolu'uuf gara qachatti'ii maaf dhiyaattan? Dallawa irra dhaabatanii akka buundhe'een isin darbatan hin beennee? Mucaan Gedewoonii Abemelek attamittti akka du'e hin beettanii? isa hulee Teebeexi jedhamee waamamutti intalti takka majje'een gamoo irraa darbattee ajjeefteen; eeganaa isin wonti gara dallawaa dhiyaattaniif maali'i?› jedhee mootichi yoo si gaafate ‹ajajaan loltoota keetii Ooriyoon du'eera› jedhii itti himi.» jedheen. Akka kanaan ergamaan ka'ee deemee waan Iyyoo'aab ajajeen maraa Daawititti hime; «Waan Diintonni keenna nutti jabaataniif nuun lolu'uuf qacha'aa bayanii gara dirree lolaa dhufan; nu ammo isaan ariinee gara balbala dallawa dhaga'aa deebifne. Achiin maayessa dallawa dhaga'aa irra taa'anii buundhe'een nu darbatan; mootii'i! ajajoota loltoota keetii keessaa hennaa san namoonni hagoon hin du'an; garbichi kee Ooriyoonillee hin du'e.» Daawiti namicha ergame sanniin Iyyoo'aabitti «Lola irratti jalqaba namni du'u waan hin beekkamneef ‹Hin sodaatinii jabaadhu› jedhiin; akka hin aarrellee itti himi; siri'ii hunna ufii jabeeffatee balaa buusu'uun qachattii akka qabatu itti himi» jedheen. Haati manaa Ooriyo'oo abbaan manaa isi'ii Ooriyoon akka du'e haga dhageette abbaa manaa ufiitii boottee gaddite. Haga booya nageeffatteen maayessa Daawiti isi'itti nama ergee akka dhuftu taasisee haadha manaa taateefii isaa ilma dhiiraa deette; garuu wonti Daawiti godhe maruu Rabbiin biratti waan hamaa ture. Rabbi Naataanii raatticha gara Daawitii erge; Naataan gara Daawitii dhaqee, «Namoota lamaan qachaa tokko keessa jiraatantu ture; isaan keessaa tokko dureessa; tokko ammo hiyyeessa ture. Namichi dureessi hori'ii fi hoolota baay'ee qaba. Hiyyeessi garuu ilmoo hoola'aa takkattii ta qarshii ufiitiin bitate qaba; isii san kunuunsa'aa mana ufii keessatti ijoollee ufii woliin guddisa'aanii ture; nyaata ufii nyaatu nyaachisa'aa, waan ufii dhugu irraallee obaasa'aanii ture; hennaa ciiftullee ammata'aanii ture; ilmoon sun akkuma daa'ima isaa turte. Guyyaa tokko gara mana dureessichaa keessummaan tokko dhufe; namichi dureessi sun nyaata keessummichaa qopheessu'uuf horii ufii keessaa tokkollee qaluu hin barbaanne; ka ufii dhiisee ilmoo namicha hiyyeessaa fuudhee qalee keessummichaa nyaata qopheesse» Daawiti waan mammaaka namichaatiif aaree guddisee lolee, «Namni waan kana godhe du'uu akka isa barbaachisu maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakadha; waan hamaa kana garaa jabaatee waan hojjateef waan namicha san irraa fudhate dachaa afurii godhee deebisuu barbaachisa» jedhe. Naataan Daawitiin, «Namni sun si'i! Rabbi Waandhi Israa'elii ‹Akka ati Israa'eliin irratti mootii taatuuf si muude; Saa'oliin jalaallee si baase. Mana gooftaa keetiitii fi haawwota manaa isaallee sii kenne. Israa'elii fi Yihuudaa irrattillee si moosise; wonti kun uduu sii hanqatee jiraatee silaa dachaa sii eda'a ture. Eeganaa maaf ajaja kiyya tuffatte? Waan hamaa kanallee maaf hojjatte? Ooriyooniin hulee lolaatitti ajjeessisiiftee nama qulqulluu worri Amoonii akka ajjeesan gootee haadha manaa isaa fudhatte. Kanaafuu na diqqeessitee haadha manaa Ooriyo'oo ta gosa Hiitotaa akka haadha manaa tee taatu waan fuuteef baraa haga bara baraa mana kee keessaa woraanni hin dhabamu; Rabbi waan hamaa mana kee keessaa sitti kaasa; haawwota manaa teellee uduu ati argitu fira keetii kenna; guyyamaan namoonni haawwota manaa tee woliin ciisan. Ati waan kana dhossa'aan gooteerta; ani ammo waan kana Israa'eliin maraa afo'otti guyyamaan godha› » jedheen. Daawiti Naataaniin, «Ani Rabbiin yakkeera» jedheen; Naataanillee Daawitiin, «Rabbi waan cubbuu kee sii dhiiseef hin duutu; garuu waan yakka kana hojjattee Rabbiinillee tuffatteef mucaan sii dhalate hin du'a.» jedheen. Kanaan maayessa Naataan gara mana ufii deebi'e; Rabbi daa'ima haati manaa Ooriyo'oo Daawitii deette dhibee hama'aan ajjeese. Daawiti Rabbi akka daa'ima isaa fayyisuuf soomaa fi sagadaan Rabbiin kadhate; galgala manatti galee rafe; Hojjattoonni mana mootummaa isaa gara isaa dhaqanii lafaa kaasu'uuf badadan; inni garuu hin dide isaan woliinillee womaa hin nyaanne; guyyaa torbeesso'ootitti daa'imni hin du'e; hojjattoonni isaa hennaa daa'imni lubbu'uun jiru waan itti himnu nuu hin dhageenne; amma yoo akka daa'imni du'e itti himne atta ta'inna? waa uf godha!» jedhanii du'a daa'imaa itti himuu sodaatan. Daawiti hasaassii hojjattoota ufii haga dhagaye akka daa'imni du'e beekee hojjattootaan «Daa'imni hin du'ee?» isaaniin jedhe; isaanillee «Ee hin du'e» jedhaniin. Daawiti lafaa ka'ee dhiqatee dibatee uffata ufii jijjiiratee gara mana Woyyuu Rabbii seenee sagade; achiin maayessa gara mana mootummaa ufii deebi'ee nyaata naa fidaa jedhe isaanillee nyaata isaa finnaan nyaate. Hojjattoonni isaa «Wonti ati goote kun maali'i? hennaa daa'imni lubbu'uun jiru, waan isaatiif soomtee boottee Rabbiin kadhatte; haga daa'imni du'een maayessa garuu kaatee xoroshoo nyaatte!» jedhaniin. Daawiti, «Hennaa daa'imni lubbu'uun jiru, akka Rabbi naa araaramu daa'imallee akka naa fayyisu, yaadee soomee booyuun kiyya dhuga'a; amma garuu daa'imni waan du'eef maaf sooma? Eeganaa amma daa'ima lubbuu itti deebisuu danda'aa? natu gara isaa dhaqa malee inni gara kiyya hin deebi'u» jedhee isaanii deebise. Kanaan maayessa Daawiti haadha manaa ufii Beersaabeehiin jajjabeessee isii bira gaye; isiinillee ilma deetteef; maqaa isaallee «Solomoon» jedhee itti baase; Rabbi daa'ima waan jaalateef, maqaa Yididiyaa jedhamu akka itti baasan raattichi Naataan isaan ajaje; «Yididiyaa» jechuun «Ka Rabbi jaalate» jechu'u. Iyyoo'aab lolee burqaa bisaanii ta qachattii ijoollee Amoonii qabate. Iyyoo'aab gara Daawitii, «Ani qachattii Raaba'aatiin lolee hulee burqaa bisaanii qabadheera; ammallee ani akka qachattii hafan qabadhee maqaa kiyyaan akka hin waamamne loltoota hafe wolitti qabii qachattii hafte lolii qabadhu jedhee dhaamsa erge. Daawiti loltoota wolitti qabee gara Raabaatii dhaqee lolee qabate; gulloo ulfinnaa ka mootii isaanii mataa isaa irraa fudhate; gulloon sun kiiloo giraamii soddomii shan; gulloo dhagaa gatii gudda'aa san fudhatee mataa ufiititti godhate; qachattii san keessaallee waan heddu booji'e. Banii qachattii san keessa jiran baasee haamtuu mukaatiin, qottoo sibiilaatii fi dhagaraa sibiilaatiin hujii akka hujan godhe; faara akka hojjatanii fi qachaa Amoonii maraa keessattuu akkasuma godhan; Daawitii fi baniin maruu gara Yerusaalemii deebi'an. Ilmi Daawitii Abeseloom obboleettii bareedduu hin heerumne ta Timaar jedhamtu qaba; ilmi Daawitii ka Aminoon jedhamu Timaariin jaalate; inni guddisee waan isii jaalateef hin dhibame; isiin durba waan taateef isii bira gayuu hin dandeenne. Garuu inni goshoo qaroo waa beeku ka Yoonaadaab jedhamu qaba; inni ilma obboleessa Daawitii ka Shaama'aa ture. Innillee isaan «Ati ilma mootichaa taatee guyyama guyya'aan maaf akkana huqqatte? mee natti himi» jedheen; Aminoon «Mucattii obboleessa kiyyaa obboleettii Abeseloomii Timaariin jaaladhe» jedheen. Yoonaadaabillee isaan, «Dhibameera jedhii siree irra ciisi yoo abbee si gaafachu'uuf dhufe ‹obboleettiin tiyya Timaar dhuftee waan nyaadhu uduu ani argu bilcheessitee harka ufiitiin akka afaan na keettu itti naa himi jedhiin› » jedheen. Kanaan maayessa Aminoon dhibameera jedhee ciise; mootichi hennaa isa gaafachu'uuf dhufu «obboleettiin tiyya Timaar dhuftee xoroshoo bixilee lamaa uduu ani argu gootee harka ufiitiin akka afaan na keettu si kadhadha» jedheen. Kanaafuu Daawiti Timaarii mana mootummaa isaa keessa jirtuun «Gara mana obboleessa kee Aminoonii dhaqiitii waan nyaataa godhiif» jedhee nama isi'itti erge. Timaar gara mana obboleessa ufii Aminoonii yoo dhaxxu Aminoon rafee ture; isiin daakuu diqqoo fuutee dukkuuftee uduu inni argu xoroshoo gooteef. Isiin xoroshoo gooteef eelee irraa fuutee dhiyeessiteef inni garuu nyaatuu didee «Nama maraa manaa naa yaasaa'a» jedhe; namoonni maruu hin yaa'an. Achiin maayessa Aminoon Timaariin, «Afaan na keettaa gara golaa fuudhii koottu» jedheen; Timaar xoroshoo goote fuutee gara gola Aminoon jiruu fiddeef. Haga isiin waan inni nyaatu dhiyeessiteef isii qabee «Koottuu woliin rafnaa!» jedheen. Isiinillee deebiftee, «Obboleessa kiyya! wonti akkanaa kun Israa'eliin keessatti waan hin taane waan ta'eef yabo'oo na hin salphisin; waan fafaa kana hin hojjatin; yoo na salphifte ani attamitti ol jedhee banii keessa deema? atillee banii Israa'elii jiddu'utti hin salphatta, kana maraa irra mootichatti yoo himte ana sitti heerumsiisa» jetteen. Inni garuu waan isiin jetteen hin dhageenne; hunnaan waan isii caaluuf hunnaan qabee isii gudeede. Achiin maayessa Aminoon Timaariin asiin dura haga qara jaalate caalaa guddisee jibbee diina itti ta'e; innillee isi'iin, «Ka'ii asii deemi!» isi'iin jedhe. Isiin, «Ani hin bawu; ana manaa na ariinaan waan hamaa duraan hojjatte caalaa hojjatta» jetteen; inni garuu waan isiin isaan jettu dhagayuu dide. Hojjataa ufii waamee «Intala tana na afo'oo baasii balbala itti cufi» jedheen. Isiin uffata babarruu bareedaa uffattee turte uffata akkanaa kana ijoollee durbaatitu uffata; hojjataan isii manaa baasee balbala itti cufe. Timaar mataa ufiititti daaraa firfirsitee uffata bareedaa uffatte san tatarsaaftee mataa qabattee booya'aa deemte. Obboleessi isi'ii Abeseloom, «Obboleessa kee Aminoontu si salphisee? Obboleettii tiyya amma cadhi; obboleessa kee waan ta'eef waan kana garaa kee keessatti hin qabatin» isi'iin jedhe; achiin maayessa Timaar mana obboleessa ufii Abeseloomii hojja ufii teette. Mootichi Daawiti haga waan kana maraa dhagaye guddisee lole. Garuu inni ilma hangafaa waan ta'eef akkasuma waan isa jaalatuuf ilma ufii Aminooniin gaddisiisuu hin barbaanne. Sababaa Aminoon durbummaa obboleettii ufii ka Timaarii balleesseef Abeseloom Aminooniin guddisee jibbeen; deebi'ee waan mishaa ta'ee'e waan hamaa isa woliin dubbachuu hin barbaanne. Woggaa lamaan maayessa Abeseloom qachaa Efreemii hulee Ba'aalaaxoor jedhamee waamamutti rifeensa hoolotaa cira'aa ture; achiin maayessa ijoollee mootichaa ta dhiiraa maraa achitti nyaachisu'uuf waame. Abeseloom gara mootichaa dhaqee «Kunoo hojjataan kee rifeensa hoolotaa cira'aara; atii fi hojjattoonni teellee ana garbicha kee woliin akka deemtan si kadhadha» jedheen. Mootichillee Abeseloomiin, «Keessummaan waan sitti baay'atuuf nu marti dhufuu hin barbaachisu.» jedheen. Abeseloom garuu jabeessee isa kadhate; mootichi ammo eebbiseenii hafe; isa woliin hin deemne. Abeseloom mootichaan, «Yoo ufii hafte obboleessi kiyya Aminoon akka nu woliin deemu si kadhadha» jedhe. Mootichi ammo «Inni maaf si woliin deema?» Jedheen. Abeseloom guddisee waan isa kadhateef mootichi Aminoonii fi ijoollee mootichaa maraa akka isa woliin deeman maarre jedhe. Abeseloom nyaachisa mooti'iif barbaachisu qopheessee ture; Abeseloom hojjattoota ufiitiin, «Yoo Aminoon daadhii woyini'ii dhuge; akka machaaye laala'aatii yoo ani isa ajjeesaa jedhee isin ajaje hin sodaatina'aa ajjeesaa jedhee jabeessee isaan seere!» Hojjattoonni Abeseloomii akka Abeseloom isaan ajajetti Aminooniin ajjeesan; ijoolleen mooti'ii maruu ka'anii gaangiin ufii yaabbatanii gulufanii dheessan. Uduu gara manaa deema'aaran karaa irratti «Abeseloom ijoollee mootichaa maraa ajjeeseera isaan keessaa womaa hin hafne» oduun jedhu Daawitiin bira gaye. Mootichi ka'ee uffata ufii biinxee lafatti kufe; hojjattoonni isaa maruu uffata ufii biinxanii ladda isaa dhaabatan. Obboleessi Daawitii ilmi Shaama'aa Yoonaadaab ammo, «Gooftaa kiyya; isaan marti hin duune; Aminoonima callaa ajjeesan; Abeseloom wonti waan kana godhuu karoorfateef hennaa Aminoon obboleettii isaa Timaariin salphise irraa jalqabee waan aareeruuf. Amma ka du'e Aminoonima; ijoolleen mooti'ii maruu du'aniiran jettanii gooftaa mootii kiyya; garaa keessan keessatti akkas seetanii hin yaaddayinaa'a!» jedheen. Abeseloom haga waan kana godheen hin baqate; eedduun tokko hennaa ol jedhee laalu namoonni baay'een duubaan karaa ladda gaaraatiin hennaa dhufan arge. Iyyoonaadaab «Kunoo ijoolleen mootichaa waan dhufaniif wonti hojjataan kee jedhe ta'eera» jedheen. Haga dubbatee fixeen maayessa hennama san ijoolleen mootichaa laagaa ufii ol qabanii booyan; mootichinii fi hojjattoonni mootichaallee guddisanii booyan. Abeseloom ammo baqatee gara mootii Geeshuurii gara ilma Amihuudii gara Taalmaayii dhaqe; Daawiti mucaa ufiitii hennaa maraa booya'aa ture. Abeseloom baqatee gara Geeshuurii dhaqee achitti haga woggaa sadihii taa'e. Daawiti mootichi gadda du'a Aminoonii haga dhiise Abeseloomiin bira dhaqu'uuf guddisee yaade. Mootichi Daawiti Abeseloomiin akka yaade ilmi Tsuriya'aa Iyyoo'aab hubate. Iyyoo'aab gara Tuquhe'ee nama ergee hulee san dubartii ogeettii ta mala beettu fijjisiise; isiin hennaa isa bira geette, «Booyi, uffata gaddaa uffadhu, dhadhaa hin dibatin, waan nama du'eetiif akka nama bara dheeraa gadduu fakkaadhu; achiin maayessa gara mooti'ii ol seenii waan kana itti himi» isi'iin jedhe; waan isiin mootichatti himtu maraa Iyyoo'aab isi'itti hime. Dubartittiin Tuquhee keessa jiraattu gara mootichaa ol seentee gad jettee nagaya gaafattee «Yaa mootii na oolchi» jetteen. Mootichillee «Maal taate?» isi'iin jedhe; isiinillee akkana jettee deebifteef, «Ani dhugamaan dubartii abbaan worraa jalaa du'e; Ani garbittiin tee ijoollee dhiiraa lama qaba isaan raasa'atti wol lolanii namni isaan adda dhooggu waan hin jirreef, mucaan tokko mucaa kaan dhayee na jalaa ajjeese. Yaa mootii'i! firri kiyya maruu dhufanii ana garbittii teetitti ka'anii ‹mucaa kee ka obboleessa ufii ajjeese yoma ka dhaalullee hin jirree hin ajjeefnaa gad baasi› jedha'aa na rakkisan; yoo waan akkanaa kana godhan abdii tokkocha ani qabu na jalaa balleessu'uuf maqa'aa fi fiixaa abbaa worraa kiyyaallee lafa irraa balleessu'uuf ta'an» jetteen. Mootichi dubartitti'iin, «Waan hajaa keetiitiif ani hin ajajaa gara mana keetii deebi'i» jedheen. Dubartittiin Tuquhe'ee mootichaan «Cubbuun isaa anaa fi fiixaa abbaa isaa irra haa ta'u; atii fi teessoon kee qulqulluu haa ta'u» jetteen. Mootichillee «Eennullee yoo rakkoo kamuu sitti fide deebi'ee si rakkisuu waan hin dandeenneef gara kiyya fidi» jedheen. Isiin, «Worri gumaa isaa baasan deebi'anii akka isa hin balleessine mucaa kiyyallee akka hin ajjeefne maqaa Rabbiitiin waadaa naa gali» jette. Innillee, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin mucaa kee rifeensa mataa isaa tokkollee irraa hin buqqisan» isi'iin jedhe. Dubartittiin, «Ani garbittiin tee mooticha gooftaa kiyyatti waan tokko dubbadha» jetteen; Innillee, «Dubbadhu» jedhe. Dubartittiinillee, «Banii Rabbii irratti waan akkanaa kana maaf yaadda? Ilmi kee biyya itti baqatee deebi'ee akka dhufu hin eeyyamneef; kanaafuu waan amma dubbatte kanaan ufitti murteessiteerta. Nu maruu hin duuna; nu akka bisaan lafatti jigee hin deebineeti; Rabbi garuu badii lubbuu namaa hin jaalatu; kanaafuu namni mufate deebi'ee akka hin banne gorsa. Amma waan baniin guddisee na sodaachisuuf waan kana mooticha gooftaa kiyyatti himu'uuf deebi'ee dhufe, maal laataa kadhaa ana garbittii teetii akka dhageettuuf sitti himachu'uuf dhufe. Waan ani sitti himadhu naa dhagayi anaa fi mucaa kiyyallee balleessu'uuf nama lafa Waandhi nu kaaye irraa nu buqqisu'uuf ta'u jalaa nu hambifta jedhee yaade. Ani garbittiin tee waan bada'aa fi waan mishaa si irraa dhagayu'uuf gooftaan mootiin kiyya akka maleekkaa Rabbii waan ta'eef dubbiin isaa ka abdi'ii na jajjabeessa; eeganaa Rabbi Waandhi si woliin haa ta'u!» jette. Mootichi dubartitti'iin, «Ani waa si gaafadhaa na hin dhossinii natti himi» isi'iin jedhe; Dubartittiinillee, «Waan feete na gaafadhu» jetteen. Mootichi dubartitti'iin «Waan kana maraa akka gootu Iyyoo'aabitu si ajajee?» jedhee isii gaafate; Isiinillee akkana jettee deebifteef; «Mootii; gooftaa kiyya! waan ati jettu maraa jalaa ka bawu waan hin jirreef maqaa keetiin kakadha waan ani godhuu na barbaachisuu fi waan dubbadhu maraa ka na gorse Iyyoo'aabii ajajaa loltootaati. Garbichi kee Iyyoo'aab wonti kana godheef waan kanniin maraa qajeelchuu barbaadeeti; yaa mootii kiyya! ati gooftaan kiyya ogeessa akka maleekkaa Rabbii waan taateef waan ta'u maraa hin beetta» jetteen. Mootichi Iyyoo'aabiin, «Ani maarre jedheeraa dhaqiitii Abeseloomii ka'imticha biyya inni itti baqate sanii as fidi» jedheen. Iyyoo'aab Daawitiin afo'otti gad jedhee ulfinna kenneefii mooticha galatoonfate; Iyyoo'aab mootichaan, «Waan ani fedhu waan maarre naa jettee afoo keetitti akka gaachena argadhe amma beekeera» jedhe. Iyyoo'aab ka'ee gara Geeshuurii dhaqee Abeseloomiin qabatee gara Yerusaalemii fide. Mootichi «Abeseloom gara manaa haa galuu malee akka gara kiyya hin dhufne» jedhe; Abeseloom mooticha uduu hin argine gara manaa gale. Biyya Israa'elii keessa namni akka Abeseloomii bareedu hin jiru; inni rifeensa mata'aatii haga qeensa lukaa nama mudaa hin qabne ture. Rifeensi mataa isaa waan guddaa ta'eef wogga'atti hennaa tokko murata ture; guddinni rifeensaa bikkituu mootumma'aatiin hennaa bikkamu saqilii lamaa ol ta'a. Abeseloom ijoollee dhiiraa sadihii fi mucattii takka qaba; maqaan dubartitti'iillee Timaar; isiin intala bareeddu turte. Abeseloom uduu mooticha hin argine Yerusaalemiin keessa woggaa lama guutuu taa'e. Achiin maayessa akka mooticha ufii gaafatuuf Iyyoo'aabiin waamsise; Iyyoo'aab garuu dhufuu hin barbaanne Abeseloom Iyyoo'aab akka dhufu lammeessoo nama itti erginaan dhufuu dide. Abeseloom garboota ufiitiin, «Maasaa daangaa kiyyatti aanee jiru lafa garbu'uu san laala'aatii dhaqa'aa ibiddaan gubaa'a» jedhee isaan ajaje; isaanillee dhaqanii midhaan ibiddaan guban. Iyyoo'aab ka'ee gara mana Abeseloomii dhaqee, «Hojjattoonni tee maaf midhaan kiyya guban?» jedhee gaafate. Abeseloom Iyyoo'aabiin, «Ani maaf Geeshuurii dhufe; uduu achi turee jiraadhee naa woyya jedhii waan kiyya gaafadhu; akkasuma ammo akka mooticha woliin wol gayuu danda'u haala naa mijeessi; ani yoo nama yakkamaa ta'e du'a natti haa murteessuu» jedheen. Achiin maayessa Iyyoo'aab gara mooticha Daawitii dhaqee waan Abeseloom isaan jedhe maraa itti hime; mootichillee Abeseloomiin waamsise; Abeseloomillee dhaqee afoo mootichaatitti gad jedhee nagaya gaafate; mootichillee Abeseloomiin hin dhungate. Kanaan maayessa Abeseloom konkolaataa fardaa tokkoo fi faradoo ufiif qopheeffate; akkasuma loltoota shantamaallee qopheeffate. Abeseloom ganamaan ka'ee deemee karra gara qachatti'ii seensisu irra dhaabata'aa ture; inni namoota haja'aaf gara mootichaa dhufan maraa ufitti waama'aa ati qachaa kam keessaa dhufte jedha'aa gaafata'aa ture; namichi gosa Israa'elii keessaa akka gosa tokko ta'e haga himeen maayessa, «Dubbiin ati dubbatte dhuga'aa fi qajeela'a; garuu namni dubbii mootichaa dhagayee hujii irra oolchu hin jiru.» jedhaanii ture. Abeseloom, «Uduu ani abbaa murti'ii ta'ee silaa atta jaaladha; namni iyyannoo qabu gara kiyya yoo dhufe ani murtii qajeelaa isaa murteessa» jedheen. Yoo namni nagaya isa gaafachu'uuf gara isaa dhufu inni ammo harka badhisee qabee dhungata'aa ture. Abeseloom Israa'eliin keessaa worra murtii argachu'uuf gara mootichaa dhufan maraa akkana waan godha'aa tureef onnee isaanii booji'e. Woggaa afuriin maayessa Abeseloom mooticha Daawitiin, «Mootii kiyya! akka woreega Rabbii gale raawwadhu gara Keebroonii akka deemu yabo'oo maarre naa jedhi! Ani garbichi kee Geeshuurii Sooriyaa keessa uduu jiru Rabbi gara Yerusaalemii uduu na deebisee Rabbii ciincaa dhiyeessa jedhee woreega galee ture» jedheen. Mootichi «Nagayaan deemi!» jedheen; innillee ka'ee gara Keebroonii deeme. Abeseloom garuu, «Worra gosa Israa'elii mara keessatti laagaa xurumba'aa yoo dhageettan ‹Abeseloom Keebrooniin keessatti mootii ta'e› jedha'aa iyyaa'a» jedhee dhaamsa erge. Namoonni dhibba lamaa ka waamaman waan tokkollee uduu hin beenne, gara laafumma'aan gara Yerusaalemii deeman. Abeseloom hennaa ciincaa dhiyeessu worra Daawitii gorsa kennan keessaa tokkochi ka Akixoofeel jedhamee waamamu ergamaa itti ergee qachaa Giilo'ootii waamsiseen; hammeenni mooticha irratti mari'atame jabaata'aa, worri Abeseloomiin gargaaranillee laakkobsi isaanii baay'ata'aa deeme. Ergamaan tokko Daawitiin oduu, «Garaan worra Israa'elii Abeseloomiin woliin malee si woliin hin jiru» jedhu itti hime. Kanaaf Daawiti ajajoota worra isa woliin jiran maraan «Ka'aa ariifannee asii haa baanuu! yoo bawuu baanne Abeseloom dhufee nu fixaa; waan qachaa keessatti argamu maraa hin ajjeesa» isaaniin jedhe. Garboonni mootichaa mootichaan, «Nu'u garboonni tee waan ati mootiin gooftaan keenna filatte maraa maarre jennee raawwanna» jedhaniin. Mootiin worra mata gala itti galu kudhan isaanii akka mana eeganiif achitti dhiisee maatii ufii maraa fudhatee baye. Mootichinii fi baniin isa duubaan jiran maruu bayanii Beetimerihaaqitti quphatan. Mootichinii fi hojjattoonni maruu ladda isaa lufan; loltoonni mana mootummaa Daawitii eegan Kariitotaa fi Filiitota namoonni dhibba jahaa ka worra Geetotaa maruu afoo mootichaa lufan. Mootichi, «Namni Geetii Itaayini nu woliin maaf dhufte? ati keessumma'aa fi baqataa waan taateef deebi'ii mooticha woliin taa'i. Ati kaleessa dhufte si fuudhee deemuu? Ani gara deemu hin beeku; ati garuu obboleewwan tee fuudhii deemi; Rabbi waan dhuga'aatii fi araara sii haa godhu» jedheen. Itaayinillee deebisee mootichaan, «Hulee gooftaan kiyya jiraatu marattuu du'aanillee yoo ta'e jireennaan ani hojjataan kee akka achitti argamu maqaa Rabbiitii fi akkasuma lubbuu gooftaa mooticha kiyyaatiin kakadha» jedhe. Daawiti Itaayiniin «Misha'aa deemii ceeyi» jedheen; namni Geetii Itaayinii fi namoonni maruu daa'imman woliin ceeyan. Worri biyya san keessa jiran maruu wol ta'anii guddisanii booyan; baniin maruu gara lafa gammoojji'ii ceeyan; akkasuma mootichillee fincaayaa quwaadiroonii ceeye; baniin maruu karaa lafa gammoojji'iitiin ceeyan. Saadooqii fi worri leewwotaa ka isa woliin jiran maruu saanduuqa waadaa Rabbii baadhatanii dhufan baniin maruu haga qachattii keessaa bayaniif Abiyaatariin bira kaayan. Kanaan maayessa Mootichi Saadooqiin, «Saanduuqa waada'aa gara qachatti'ii deebisi; yoo ani Rabbiin afo'otti gaachena argadhee jiraadhe inni ufii fi hulee ufii bulu natti mudhisa. Garuu yoo ka ana hin jaalanne ta'e akka ufii fedhe na haa godhuu» jedheen. Mootichi Saadooqii gadichaan «Atii fi ilmi kee Akimaas ilmi Abiyaatarii Yoonaataan ijoolleen teessan lachuu nagayaan gara qachatti'ii deebi'aa'a. Anillee haga waan keessan oduu mishaa dhagawutti karaa gara lafa gammoojji'ii lufaniin tura» jedheen. Saadooqii fi Abiyaatar Saanduuqa waadaa Rabbii gara Yerusaalemii deebisanii achi jiraatan. Daawiti mata'atti haguuggatee uduu kophee lukatti hin godhanne booya'aa gara gaara ejersaa ol baye; baniin isa woliin jiranillee haguuggatanii booya'aa isa faana yaa'an. Akixoofeelii fi Abeseloom yaadaan tokko jedhanii Daawititti himan; Daawiti Rabbiin, «Gorsa Akixoofeelii akka duwwaa gootu si kadhadha!» jedhe. Daawiti hennaa gaara irratti Rabbii sagadu'uuf dhaqe Kuusi namni gosa Arka'aa uffata ufii biinxee daaraa mataa ufiititti firfirsee gara Daawitii dhaqe. Daawitillee, «Yoo gara kiyya dhufte fe'aa natti taata; gara qacha'aa deebi'iitii Abeseloomiin mootii kiyya ani garbicha sii ta'a akkuma dura abbeetii garbicha ture, siifillee garbicha ta'a yoo jetteen gorsa Akixoofeelii duwwaa goota. Saadooqiin gadichinii fi Abiyaataar gadichi si woliin achi jiranii mii? kanaafuu waan mana mooti'iitii dhageettu maraa Saadooqii gadichaa fi Abiyaataritti himi. Ilmi Saadooqii Akimaasii fi ilmi Abiyaatarii Yoonaataan ijoolleen isaaniillee isaan woliin achi jiran waan dhageettan maraa isaaniin naa ergi» Jaalalloon Daawitii Kuusi gara qacha'aa dhufe; Abeseloomillee gara Yerusaalemii gale. Akkuma Daawiti qaccee gaaraa gamaan diqqoo deemeen hojjataan Memfibooste'ee ka maqaan isaa Siibaa jedhamu dimmaa argeenii xoroshoo dhibba lamaa, xoroshoo haphii ka woyinii irraa hojjatame dhibba tokko, caccabsaa hidhaa dhibba tokkootii fi qalqala daadhii woyini'ii ka harriin lamatti fe'ame oofee isatti dhufe. Mootichi Siiba'aan, «Kun maali'i?» jedheen; Siibaan, «Harriin akka maatiin mootichaa yaabbataniif; xorosho'oo fi munni hurbu'uu akka ijoolleen isaa nyaataniif; daadhiin woyini'ii ammo worri lafa gammoojji'iititti dadhaban haa dhugani'iif» jedheen. Mootichi, «Ilmi gooftaa keetii eessa jira?» jedheen; Siibaan mootichaan, «Baniin worra Israa'elii kunoo mootummaa abbaa kiyyaa naa deebisa jedhee Yerusaalemiin taa'aara» jedheen. Mootichi Siiba'aan, «Wonti Memfibooste'ee maruu kee haa ta'uu» jedheen. Siibaan mootichaan «Mootii kiyya! ani hojjataa keeti hennaa maraa hujii si gammachiisu hojjachu'uuf xaara!» jedhee deebiseef. Mootichi Daawiti gara biyya Biraaqii dhaqe; ilmi Geera'aa ka maatii Saa'olii ka maqaan isaa Saamii jedhamu Daawitiin abaara'aa itti deeme. Daawitii mootichaa fi garboota isaatittillee dhaga'aan darbata'aa ture; hennaa san bita'aa fi mirga mootichaatitti bani'ii fi worra jajjaba'atu ture. Saamiin Daawitiin, «Bada shufuroo'o! nama dhiigaa na biraa deemi! ati waan maatii Saa'olii fixxee mootummaa isaa fudhatteef Rabbi si adaba'aara; Rabbi mootummaa kee ilma kee Abeseloomiif dabarsee kenneera hennaan ati baddullee geetteerti.» jedhe. Hennaa kana ilmi Tsuuriya'aa Abiisaan mootichaan, «Namichi sareen du'aan kun si'i mootii gooftaa kiyya maaf abaara? Ani amma dhaqee morma isaa mura» jedheen. Mootichillee «Isin ijoollee Tsuuriya'aa kun isin hin galchu; yoo Rabbi isa ajajee na abaare ‹Maaf waan kana goota?› jedhee ka isa gaafachuu danda'u eennu?» isaaniin jedhe. Daawiti Abiisa'aa fi garboota isaa maraan, «Mucaan kiyya ka ani uumadheeyyuu na ajjeesuu barbaade waan ilma Biiniyaamii maaf maalalfattan? Rabbi waan isa ajajeef haa na abaaruu dhiisaa'a; maal laataa Rabbi rakkoo kiyya argee bikka abaarsa ilma Biiniyaamii Rabbi waan mishaa naa godha ta'a» isaaniin jedhe. Daawitii fi namoonni uduu karaa irra deeman Saamiin cinaa isaatiin gaara irra deema'aa isa abaara'aa dhaga'aan darbata'aa daaraa itti jissa'aa ture. Kanaan maayessa baniin isa woliin jiranii fi mootichi waan dadhabaniif achitti hara baafatan. Abeseloom baniin Israa'eliitii fi Akixoofeelillee gara Yerusaalemii dhaqan. Goshoon Daawitii Kuusiin gosa Arka'aa hennaa gara Abeseloomii dhaqe «Mootichi woggaa kumaa haa mooyu» jedheen. Abeseloomillee Kuusiin, «Wonti mishaan ati goshoo keetii goote kanaa? Maaf goshoo kee woliin deemuu didde?» Jedheen. Kuusi Abeseloomiin, «Akkasii miti; ani nama Rabbi filatee fi banii Israa'elii woliin taa'a. Amma ani eennuu hojjadha? Ilma mootichaa afo'otti hojjadhaamii? Akkuma abbee afo'otti hojjata'aa ture akkasuma si afo'ottillee hin hojjadha» jedheen. Abeseloom Akixoofeeliin, «Akka maal goonu nu gorsita?» Jedheen. Akixoofeel deebisee Abeseloomiin «Gara dubartoota abbee mata gala itti galuu seeni akka ati abbee salphifte baniin Israa'elii maruu yoo dhagaye worri si woliin jiru maruu jabaatanii si woliin dhaabatan» Kanaaf mana manaan gubba'aa gamoo irratti Abeseloomii daasee dhaaban; innillee banii Israa'elii maraa afo'otti dubartoota abbaan isaa mata gala itti galutti seene. Hennaa san gorsa Akixoofeel nama gorsu maraa akkuma dubbii Rabbiititti jalaa dhagayan; dura Daawititu gorsa Akixoofeelii dhagaya amma ammo Abeseloomitu jalaa dhagaya. Kanaan maayessa Akixoofeel Abeseloomiin, «Ani namoota kuma kudha lamaa filee halkanuma kana ka'ee Daawitiin ari'a; uduu inni dadhabee harki isaallee laamshayee hadoodee jiru dimmaa balaa itti buusee isa sodaachisa; baniin isa woliin jirullee hin dheessa; mooticha addatti qabee dhaya; akkuma idaayyittiin abbaa worraa ufiititti deebitu banii maraa gara kee deebisa; baniin maruu nagayaan jiraata; namni nagayaan jiraata namni ati ajjeeftu namuma tokko» jedhe. Dubbiin kun Abeseloomii fi jaarsota Israa'elii maraa hin gammachiise. Abeseloom, «Kuusii nama gosa Arka'aa waamaa'a; waan inni jedhu dhageennaa» jedhe. Hennaa Kuusi gara Abeseloomii dhaqe Abeseloom, «Wonti Akixoofeel dubbate kana, waan inni nutti hime kana godhuu nu barbaachisaa ree? Yoo hin taanee nutti himi» jedheen. Kuusi garuu Abeseloomiin, «Gorsi amma Akixoofeel si gorse misha'aa miti; Kuusi akkuma yeyyiin ilmooleen isi'ii yoo jalaa fudhatamte hamaa taatu akkasuma abbeetii fi namoonnillee, hammeeyyi'ii fi jajjabaa akka ta'an hin beetta; abbee loltuu jabaa waan ta'eef loltoota woliin akka hin bulle hin beetta. Ammallee maal laataa boolla yookaan hulee woyiititti dhokataniiran ta'a; namni akka Daawiti loltoota tee irratti balaa buuse dhagaye maruu yoma san loltoonni tee akka waan mooyatamanii godhee odeessa. Abbee loltuu jabaa akka ta'ee fi worri isa woliin lolan loltoota jajjabaa akka ta'an worri Israa'eliin keessa jiraatan maruu waan beekaniif loltoonni tee ta akka leencaatitti janna ta'anuu guddisanii sodaachuu danda'an. Kanaafuu wonti ani si gorsu worra daangaa lafaa kallattii arfaniin jiran Daanii haga Beersaabeehiitii fi worra Israa'elii ka akka xindhacha galaanaatitti baay'atan maraa hulee tokkotti wolitti qabii atumti isaaniif ajajaa ta'ii isaan duulchisi. Daawiti eessattillee yoo dhokatee jiraate sondhee argina; akkuma baradaan lafatti harca'utti nullee isaanitti harcaana; isaa fi worra isa woliin jiru maraa tokkollee hin hambifnu. Yoo dheessanii gara qacha'aallee galan baniin keenna maruu haada fuudhanii qacha'aa harkisa'aa qilee isi'ii gadi jirutti darbanii isii gatan; gooba irratti dhagaan tokkollee hin hafu.» jedheen. Abeseloomii fi namoonni Israa'elii maruu «Gorsi Kuusii gosa Arka'aa gorsa Akixoofeelii caala» jedhan; Rabbi balaan akka Abeseloomiin irra gawu gorsi Akixoofeelii mishaan akka fudhatama hin qabne godhe. Kanaan maayessa Kuusi gadoota Saadooqii fi Abiyaataritti, «Akixoofeel Abeseloomii fi jaarsota Israa'elii gorsa akkamii akka gorsee fi ani ammo gorsa akkamii akka gorse isaanitti hime; Eeganaa amma mootichinii fi baniin isa woliin jiru maruu akka hin dhumanne daddafa'aa Daawititti dhaqa'aatii «Daddafii ariifadhuu lafa onaa kana keessa hin bulinii halkanuma kana laga Yoordaanosii ceeyi› jedha'aatii itti himaa'a» isaaniin jedhe. Yoonaataanii fi Akimaas addaataa gara qacha'aa seenuu waan sodaataniif burqaa Aniroogeelii bira taa'an; garbittiin takka dhaxxee hennaa isaanitti himtu isaan garuu dhaqanii Daawititti hima'aa turan. Mucaan tokko isaan argee Abeseloomitti hime isaan garuu dafanii hulee sanii deemanii gara Biraaqimii gara mana nama tokkoo dhaqan; dallawa san keessa boollatu jira, boolla san keessa bu'an. Haati manaa namicha sanii boolla cuftee akka namni hin argine midhaan boolla san guba'atti badhifte. Hojjattoonni Abeseloomii gara mana dubartittii sanii seenanii «Akimaasii fi Yoonaataan eessa jiran?» jedhanii gaafatan; dubartittiin ammo «laga ceeyanii lixan» isaaniin jette; isaanillee haga jara san soqanii dhaban gara Yerusaalemii deebi'an. Haga hojjattoonni Abeseloomii dhabanii deemaniin maayessa boolla keessaa bayanii deemanii mooticha Daawitiin bira dhaqanii Akixoofeel gorsa akkanaa waan keessan namoota gorseeraa ka'aa daddafa'aa laga kana ceeyaa'a» jedhaniin. Daawitii fi worri isa woliin jiru maruu ka'anii laga Yoordaanosii ceeyan; haga lafti bariitutti namni tokkollee uduu hin hafne ceeyan. Akixoofeel baniin akka gorsa isaa faana hin deemne haga arge harree ufii fe'atee gara qacha'aa mana ufiititti galee waa maraa makkeeffatee uf hudhee du'ee awwaala abba'aa biratti awwaalame. Abeseloomii fi worri Israa'elii hennaa galaana Yoordaanosii ceeyan Daawiti qachaa diqqoo Mannaayim jedhamtee waamamtu gayeera. Abeseloom loltoota ufii irratti bakka Iyyoo'aabii Amisaayiin muude; Amisaayi ilma Yooteerii gosa Israa'elii ture; inni Abigiyaa mucattii Naa'oosii obboleettii Tsuuriya'aa haadha Iyyoo'aabii fuudhe. Worri Israa'eliitii fi Abeseloom biyya Gala'aadiititti quphatan. Daawiti hennaa gara Mannaayimii gaye qachaa Raaba'aa ta bulchiinsa Amoonii jala turte keessaa dhufe ilma Naa'oosii Shoobii Maakirii ilma Ami'eelii ka qachaa loodoobaariitii dhufee fi Baarziliinii qachaa Roo'ilimii bulchiinsa Gala'aadii jala turte keessaa dhufe arge. Daawiti banii isa woliin jiru laakkayee ajajaa loltuu kumaatii fi ajajaa loltuu dhibbaa isaaniif muude. Daawiti banii harka sadihi keessaa tokko Iyyoo'aabiin jalatti, harka sadihi keessaa tokko ammo Itaayii nama gosa Geetii jalatti akka bulan godhe; mootichi bani'iin, «Anillee isin woliin deema» isaaniin jedhe. Baniin garuu mootichaan, «Ati nu woliin bawuu hin barbaachisu; nu keessaa namni hagoon dheessinee yoo duubatti deebine yookaan gari gariin keenna yoo dhumne diina keenna maaltu dhibe; ati ammo nu'uu nama kuma kudhaniituu waan caaltuuf qachama kana keessa teettee gargaarsa nu barbaachisu nuu erguu sii woyya» jedhaniin. Mootichi, «Waan mishaa isinitti fakkaate maraa isinii godha» isaaniin jedhe; mootichi afaan balbalaa dhaabate; loltoonni ammo akka ajajaa loltuu dhibbaatii fi akka ajajaa loltuu kumaa ta'a'aa yaa'an. Mootichi Iyyoo'aab Abiisa'aa fi Itaayiin, «Ka'imticha Abeseloomiin naaf jedha'aa dhiisaa'a» jedhee isaan ajaje, baniin maruu hennaa mootichi waan Abeseloomiitiif ajajoota loltootaa maraa ajaju dhagayan. Loltoonni Daawitii gara baadiyya'aa bayanii worra Israa'elii bosona Efreemii keessatti lolaniin. Achitti baniin Israa'elii loltoota Daawitiitiin mooyataman; guyyaa san namoonni isaan jalaa dhuman haga nama kuma diddamaa waan ta'eef akkaataan isaan itti dhuman akka guddisee nama jibbisiisu. Guyyaa san waan lolli baadiyyaa keessatti babadhateef worra guraade'een dhuman caalaa worra bosona keessatti dhumetu caala. Abeseloom akkuma tasaa dimmaa loltoota Daawitiitiin wol gayan; hennaa san Abeseloom Gaangee yaabbateera; gaangeen inni yaabbateeru muka haafa gudda'aa jala uduu lufu rifeensi mataa isaa haafa mukaatiin qabamee uduu lafa hin geenne rarra'e; gaangeen inni yaabbateeru jala lufe. Hennaa san namni woyii isa argee «Abeseloom muka irratti ka rarra'eeru arge» jedhee Iyyoo'aabitti hime. Iyyoo'aab ammo namicha isatti hime saniin «Eega argite maaf hennama san hin ajjeefne? Uduu akkas gootee silaa ani saqilii kudhanii fi sinnaara maraa tokkoo si badhaasa» jedheen. Namichi sun Iyyoo'aabiin, «Yoma saqilii kuma tokkoollee naa kennite ilma mootichaatitti harka kiyya hin hiixadhu mootichi si'i Abiisa'aa fi Itaayiin ‹Anaaf jedha'aa Abeseloomii ka'imticha irratti miidhaa isa ajjeesisiisu hin geessinaa'a› jedhee hennaa isin ajaju nu maruu dhageenneerra. Maarre uduu ani ajaja mootichaa diigee ilma isaa Abeseloomiin ajjeesee jiraadhee mootichi waan kana dhagawuun isaa hin oolu ati ammo isa jalaa na hambisuu hin dandeettu» jedheen. Iyyoo'aab, «Ani ammo si woliin balleessuu hin barbaadu» jedheenii woraana sadihii fudhatee Abeseloom qilxuu irratti rarra'ee uduu lubbu'uun jiru laphee isaa woraane. Ioltoonni Iyyoo'aabii Abeseloomiin marsanii dhayanii ajjeesan. Iyyoo'aab akka lolli dhaabatu akka xurumbaa afuufan ajaje; loltoonnillee worra Israa'elii ari'uu dhiisanii dacha'an. Reeffa Abeseloomii fuudhanii boolla guddaa bosona keessaatitti gatanii dhagaa gugurdaa fuudhanii irratti tuulan; worri Israa'elii maruu dheessanii gara daasee ufii deebi'an. Abeseloom hennaa lubbu'uun jiru ani ilma ittiin na qaabatan hin qabu jedhee «Dhooqa mootichaa» keessatti ufiif soodduu dhaabatee soodduu san maqaa ufii itti baase; haga adhaa «Soodduu Abeseloom ittiin qaabatamu» jedhamee waamama. Ilmi Saadooqii Akimaas ammo, «Akka Rabbi diintota isaa haluu bayeef fiigee oduu gammachu'uu mootichatti hima» jedhe. Iyyoo'aab «Ilmi mootichaa waan du'eef gaafa biraa itti himtaa adha itti hin himin» jedheen. Iyyoo'aab Kuushiin, «Dhaqii waan argite maraa mootichatti himi» jedheen; Kuushi waan Iyyoo'aab jedheen dhagayee fiige. Ilmi Saadooqii Akimaas hennaa lammeesso'ootiif Iyyoo'aabiin «Wonti ta'e haa ta'uu yabo'oo Kuushiin faana fiiga» jedheen. Iyyoo'aab «Mucaa kiyya! ati nama oduu mishaa dhagawu waan hin taaneef maaf fiiguu barbaadda?» Jedhe. Innillee deebisee, «Yoo fiige maaltu si dhibe» jedhe; innillee fiigi» jedheen; Akimaas gara karaa raasa'aatiin fiigee Kuushiin firrise. Daawiti balbala lamaan jidduu taa'ee ture; waardiyyichi namni balbala eegu gamoo dallawa dhaga'aan ijaarame ka balbala bira jiru irra ol bayee ol jedhee nama hojja ufii fiigu arge. Mootichi «Yoo hojja ufii jiraate waa gara'aa qaba» jedhe. Inni daddafee dhiyaate waardiyyichi nama biraa ka fiigu argee nama balbala eega'aarutti lallabee «Nama biraa ka hojja ufii fiigu arge!» jedhe; mootichi, «Kunillee waa gara'aa qaba» jedhe. Waardiyyichi «Fiigichi nama dura fiiga'aaruu fiigicha akka Akimaasii ilma Saadooqii fakkaata» jedhe; mootichi «Inni nama mishaa waan ta'eef oduu mishaa qabatee dhufa» jedhe. Akimaas mootichaan, «Wonti maruu nagaya» jedhee itti lallabe inni mooticha afo'otti addaan lafatti gad kufee, «Rabbi Waaqa kee ka namoota mooticha gooftaa kiyya irratti harka ufii hiixatan dabarsee kenne galanni haa gawu» jedhe. Mootichillee, «Abeseloom ka'imtichi nagaya jiraa?» jedhe. Akimaas ammo, «Hennaa Iyyoo'aab ana garbicha kee erge lola guddaa argee maal akka ta'e hin beenne» jedhee deebiseef. Mootichi, «Achi siiqii dhaabadhu» jedheen; innillee achi siiqee dhaabate. Kuushi dhufee mootichaan, «Rabbi worra sitti ka'an maraa akka haluu sii baye oduu qabadhee sii dhufeeraan!» jedhe. Mootichi Kuushiin, «Abeseloom ka'imtichi nagaya jiraa?» jedheen; Kuushi mootichaan, «Diintonni mootii gooftaa kiyyaa worri hammeennaan sitti ka'an maruu akka ka'imticha sanii haa ta'an!» jedhee deebiseef. Mootichi guddisee gaddee mana karra bira jiru seenee booye; hennaa deemu, «Ilma kiyya! Abeseloom! ilma kiyya uduu anuu bikka kee du'ee jiraadhee ilma kiyya Abeseloom ilma kiyya!» jedha'aa ture. Iyyoo'aab akka mootichi du'a Abeseloomiitiif faarsa'aa booye dhagaye. Guyyaa san akka mootichi ilma ufiitiif gadde baniin waan dhagayeef mooteen baniin argate maruu gaddatti jijjiirame. Kanaaf isaan akka loltoota lola jalaa dheessaniititti laagaa ufii dhoffatanii gara qacha'aa deebi'an; mootichi haguuggatee laagaa gudda'aan «Abeseloom! Abeseloom! ilma kiyya! ani bade» jedha'aa booya'aa ture. Iyyoo'aab mana mootichaa seenee, «loltoota adha lubbuu tee, lubbuu ijoollee tee ta dhiiraatii fi ta durbaa, lubbuu haawwota manaa teetiitii fi ta ati mata gala itti galtuu sanniin hambisan maraa afo'otti isaan saalfachiifteerta. Ati worra si jibbu hin jaalatta; worra si jaalatu garuu hin jibbita; waan worra loltoota keetiitii fi ajajoota loltoota keetii hin gaddine ta'uu kee addaataa mudhifteerta; uduu Abeseloom lubbu'uun jiraatee nu maruu uduu dhumneerra ta'ee guddiftee akka gammaddu hubadheera. Amma ka'ii bayii waan loltoota tee jajjabeessu dubbadhu; yoo waan kana hin goone ta'e garuu namni tokkollee akka si woliin hin dhaabanne maqaa Rabbiitiin kakadha; wonti kun hammeenna hennaa daa'imumma'aa irraa jalqabee si irra gaye caalaa rakkoo gudda'atu si irra gaya. Kanaan maayessa mootichi ka'ee balbala afoo taa'e; baniin maruu akka mootichi balbala taa'e dhagayanii mooticha bira dhufan; worri Israa'elii maruu gara daasee ufii dheessan. Hennaa san biyya maraa irrattuu baniin wol loluu jalqabee akkana woliin jedhan «Mootichi Daawiti diintota keenna worra Filisxeemii jalaa nu hambise; amma garuu Abeseloomiin afo'oo dheessee biyya dhiisee deeme. Abeseloom ka akka nu irratti mootii ta'u muunne lolaan du'e kanaafuu namni mooticha Daawitiin deebisu'uuf yaalu attamitti dhabame?» jedha'aa wol morma'aa turan. Mootichi Daawiti gadoota Saadooqii fi Abiyaataritti akkana jedhee dhaamsa erge; manguddoota Yihuuda'aatitti akkana jedha'aa himaa'a; wonti Israa'elii maruu mooticha bira waan gayeeruuf «Mooticha manatti galchuu diddanii maaf harkifattan? Obboleeyyan tiyya! isin lafee tiyyaa fi foon kiyya; isin maaf daddaftanii mooticha deebisuu diddan?» Amisaayiin, «Ati lafee tiyyaa fi foon kiyyaa mitii? Bara jiraattu maraa bikka Iyyoo'aabii na afo'otti yoo bulchaa loltootaa ta'uu baatte Rabbi waan kana na irratti haa raawwatu» jedha'aanii. Yaada namoota Yihuuda'aa maraa akka yaada nama tokkoo godhee gara ufii deebifate; gara mootichaallee dhaamsa erganii «Ati loltoota hojjattoota kee maraa woliin deebi'i» jedhaniin. Mootichillee deebi'ee haga laga Yoordaanosii dhufe; namoonni Yihuuda'aallee mooticha simatanii Yoordaanosiin ceesisu'uuf gara laga Gelgala'aa dhufan. Saamiin ilma Geeraa gosa Biiniyaamii ka biyya Biraaqii ture namoota Yihuuda'aa woliin Daawitiin simachu'uuf daddafee dhaqe. Namoonni kuma tokkoo ka gosa Biiniyaamii isa woliin turan; Siibaan hojjataa mana Saa'olii woliin ijoollee kudha shanii fi hojjattoota diddamatu ture; isaan daddafanii mooticha firrisanii laga Yoordaanosii ceeyan. Isaan mootichaa fi worra isa woliin jiru yabalaan fuudhanii laga gama ceesisu'uuf waan mootichi barbaadu mara godhu'uuf laga ceeyan. Saamiin Daawitiin, «Gooftaa kiyya! yakka kiyya natti hin laakkayin yakka ani garbichi kee gaafa ati Yerusaalemii baatu si yakke naa dhiisi kana gara'atti naa hin qabatin. Ani garbichi kee yakkamaa akka ta'e waan beekeeruuf kunoo adha mana Yooseefii maraa keessaa daddafee mootii gooftaa kiyya simachu'uuf dhufeera» jedheen. Abiisaan ilmi Tsuuriya'aa garuu Saamiin waan nama Rabbi muude arrabseef du'uu hin barbaachisuu?» jedhe. Daawiti ijoollee Tsuuriya'aatiin, «Ani maal isin godhe? Maaf diina natti taatan? Mana Israa'elii keessaa namni du'uu barbaachisaa? Ani adha akka worra Israa'elii irratti mooye hin beennee?» jedhe. Mootichi Saami'iin, «Ati hin duutu» jedhee kakateef. Kanaan maayessa ilmi Saa'olii Memfiboosteen mooticha Simatu'uuf baye; guyyaa gaafa mootichi bayee deeme irraa jalqabee haga gaafa nagayaan galeetitti luka ufii hin dhiqanne; areeda ufii hin haadanne; uffata ufiillee hin miicanne. Hennaa mooticha simatu'uuf Yerusaalemii dhufe mootichi Memfibooste'een, «Ati maaf na woliin hin deemne?» jedheen. Innillee deebisee, «Mootii gooftaa kiyya! ani akkuma ati beettu naafa; si wolii deemuu barbaadee hojjataa kiyyaan gaangee tiyya naa fe'i jennaan na ganee na biraa deeme. Inni ana garbicha kee mootii gooftaa kiyyatti na hamate; ati garuu mootiin gooftaa kiyya akka maleekkaa Rabbii waan taateef waan barbaadde godhi. Maatiin abbaa kiyyaa maruu silaa si afo'otti worra duuti maleef; ati garuu ana garbicha kee worra kooboo kee irraa nyaatan woliin akka nyaadhu na goote; ani mootichatti dubbachu'uuf mirga maal qaba?» jedhe. Mootichi «Maaf dubbii natti guddifta? Atii fi Siibaan akka lafa qonnaa qoodamtan murteesseera» jedhe. Memfiboosteen mootichaan «Yoo mootichi gara manaa nagayaan gale inni maraa haa fudhatuu» jedheen. Beerzeeliin nama gosa Gala'aadii Roogliinii ka'ee mooticha geegessu'uuf laga Yoordaanosii ceeye. Beerzeel jaarsa woggaa saddeettamaa ture. Inni waan guddisee jaareeruuf mootichi hennaa Mannaayimiin jiru isa badada'aa ture. Mootichi Beerzeeliin, «Ani Yerusaalemitti si badadaa na woliin deemi» jedheen. Beerzeel mootichaan «Ani mooticha woliin gara Yerusaalemii deemu'uuf umurii kana irratti woggaa hagamtu na hafe? Ani adha jaarsa woggaa saddeettamaa waan ta'eef waan misha'aa fi waan badaa addaan baasee danda'aa? Ani garbichi kee waan nyaadhee dhugu mi'aa isaa adda baasee danda'aa? Ani laagaa sirbaa ka dhiiraatii fi laagaa intalaa addaan baasee danda'aa? Ani garbichi kee mootii gooftaa kiyyatti maaf fe'aa ta'a? Ani garbichi kee mooticha woliin laga Yoordaanosii ceeyee diqqoo deemuu barbaade; mootichi garuu akka waan ani jasaa isaa ooleeruu maaf na taasisa? Ani garbichi kee yabo'oo uf irra deebi'ee galee qachaa tiyya awwaala abba'aa fi haadha tiyyaa biratti awwaalama; garuu garbicha kee Kama'aamiin laali inni mootii gooftaa kiyya woliin haa deemuu waan feete isaa godhi» jedheen. Mootichi «Kama'aam na woliin haa deemuu waan ati feete maraa godhaafii waan ati na irraa barbaaddu maraa sii godha» jedheen. Achiin maayessa Daawitii fi baniin isa woliin jiru maruu laga Yoordaanosii ceeyan; Daawiti Beerzeeliin dhungatee eebbisee Beerzeel gara mana ufii deebi'e. Mootichi Daawiti gara Gelgela'aa ceeye; Kama'aamillee isa woliin deeme; baniin Yihuuda'aatii fi baniin Israa'elii wodhakkaan mooticha laga ceesisan. Achiin maayessa baniin Israa'elii maruu gara mootichaa dhufanii, «Obboleewwan teenna ta Yihuuda'aa maaf si fudhatanii si'ii fi maatii kee worra si woliin jiru maraa marsanii laga Yoordaanosii si ceesisu'uuf akka waan mirga qabanii yaadan!» jedhanii gaafatan. Worri Yihuuda'aa maruu worra Israa'eliitiin deebisanii «Mootichi nama keenna waan ta'eef isin garuu maaf waan kana irratti lotan? Inni waan nu nyaannuuf wonti inni nuu kaffale hin jiru; wonti biraallee ka inni nuu kenne hin jiru» jedhanii deebisaniif. Worri Israa'elii deebisanii worra Yihuuda'aatiin «Inni yoma nama keessanillee ta'e nu isa isin caalaa barbaanna; mootummaa isaa keessaa harki kudhanii nuuf mala isin maaf nu tuffattan? worri dura akka mootichi galu gaafii dhiyeesse akka nu ta'e irraanfachuu isin hin barbaachisu!» isaaniin jedhan; Garuu worra Israa'elii caalaa worri Yihuuda'aa mooticha Daawitiin fudhatu'uuf jecha cima'aan wol morman. Hennaa san ilma Bikirii ka maqaan isaa Saabeehi jedhamu ka gosa Biiniyaamii nama raankee ture; inni «Nu Daawitiin biraa qooda woyiituu hin qabnu; ilma Isseyii biraallee gayee hin qabnu; banii Israa'elii! isin maruu gara daasee keessanii deebi'aa!» jedhee xurumbaa afuufe. Baniin Israa'elii maruu Daawitiin dhiisanii ilma Bikirii Saabeehiin faanaa deeman. Daawiti gara mana ufii Yerusaalemitti gale mootichi dubartoota kudhanii ta mata gala itti galu haa mana isaa eeganiif achitti dhiise fuudhee haa isaan eegu'uuf waardiyya'atti kennee waan isaan barbaachisu maraa akka isaanii kennan ajaje; garuu inni isaan bira hin geenne; guyyaa san irraa jalqabee haga guyyaa du'aniititti manuma keessa akka haadha hiyyeessaatitti jiraatan. Mootichi Ameesaayiin, «Namoota Yihuuda'aa maraa guyyaa sadiin kana keessatti naa waamii atillee isaanuma woliin as turi» jedheen. Ameesaayi namoota Yihuuda'aa maraa waamu'uuf deeme; garuu inni guyyaa haagana'aa dabarse. Kanaaf Daawiti Abiisa'aan, «Amma Abeseloomiin caalaa ka nu miidhu Saabeehii ilma Bikiriiti akka inni qachoota ijaaramte keessatti kushee barbaadee nu jalaa hin milindhe, ati loltoota gooftaa keetii fudhadhuutii isa ari'i» jedheen. Namoonni Iyyoo'aabii worri gosa Kaliita'aa, worri gosa Faliita'aatii fi worri jajjabaan maruu Abiisaa faanaa deeman ilma Bikirii Saabeehiin ari'u'uuf Yerusaalemii bayan. Hennaa hulee dhagaa guddaa gabaa'ooniin bira jiru gayan Ameesaayi gara isaanii dhaqe; hennaa san Iyyoo'aab uffata lolaa uffatee gulloo mata'atti godhatee guraadee qolaa mudhi'itti hidhateera; uduu inni deemu guraadeen isaa luqqa'ee jalaa bu'e. Iyyoo'aab Ameesaayiin, «Obboleessa kiyya! nagaya jirtaa?» jedheenii akka waan dhungatuu ta'ee harka mirgaatiin areeda isaa qabe. Ameesaayi garuu akka guraadeen Iyyoo'aabiin harka jiru hin beenne; Iyyoo'aab garaa isaa woraanee madhumaan isaa lafatti jisse lammeessoo uduu itti hin deebifne du'e; Iyyoo'aabii fi obboleessi isaa Abiisaan Saabeehii ilma Bikirii ari'an. Loltoota Iyyoo'aabii keessaa namni tokko reeffa Ameesaayii bira dhaabatee, «Worri Iyyoo'aabii fi Daawitiin faana deemtan maruu Iyyoo'aabiin faana deemaa» jedha'aa ture; reeffi Ameesaayii akkuma dhiigaan maanxameen karaa irra ciiseera; namni sun uduu loltoonni Iyyoo'aabii maruu dhaabatanii laalan argee reeffa gara lafa qonnaa fidee uffata ufii itti uwwise. Haga reeffa karaa irraa kaasan namoonni maruu ilma Bikirii Saabeehiin ari'u'uuf Iyyoo'aabiin faanaa deeman. Saabeehi garuu gosa biyya Israa'elii maraa keessa lufee qachaa Beetamaakkaa akkasuma gara Beerii maraa lufe; baniin gosa Bikirii maruu wol gayanii Saabeehiin faanaa deemanii gara qachatti'ii seenan. Loltoonni Iyyoo'aabii akka Saabeehi qachaa san keessa jiru dhagayanii qachattii marsan; qachatti'ii jalqabee haga dallawa isi'ii biyyee ol tuulanii akka qachattiin jiddu jala isi'ii qotuu jalqaban. Dubartittiin ogeettiin takka qachaa san keessaa dallawa irra dhaabattee laagaa ufii ol qabattee «Banii dhagayaa'a! dhagayaa'a! Iyyoo'aab akka as dhufu itti himaa'a; ani isa dubbisuu barbaadaa» jettee iyyite. Iyyoo'aab isi'itti dhiyaannaan «Iyyoo'aab si'ii?» jetteen; inni «Ee ana» jedhee deebiseef. Isiinillee «Jecha garbittii teetii dhagayi» isaan jennaan innillee «Maarre hin dhagayaa» isi'iin jedhe. Isiin, «Duraan ‹Namni waa gaafatu Aabeeliin afo'otti haa gaafatuu jedhama wonti gaafatamullee raawwatama'aa› ture. Israa'eliin keessatti qachaan dhuga'aa fi nagaya qabdu qachaa tana; ati garuu maaf qachattii tana balleessu'uuf yaadda? lafa Rabbi nuu kenne diiguu barbaaddaa?» jettee isatti dubbatte. Iyyoo'aab, «Ani qachaa teessan hin diigu hin balleessu. Karoorri keenna kanaa miti; ilmi Bikirii nama biyya Efreemii ka gaara irratti dhalate ka Saabeehi jedhamu mootii Daawitiin irratti lola kaaseera yoo nama kana naa kennitan ani qachattii tana dhiisee deema» jedhee deebiseef. Dubartittiinillee Iyyoo'aabiin, «Morma isaa irraa murree dallawa irraan sii darbina» jetteen. Dubartittiin ogummaa ufiitiin milixxee gara banii qachattii sanii deemte; namoonni garuu morma Saabeehii ilma Bikirii muranii dallawa irraan gara Iyyoo'aabii darban; Iyyoo'aab xurumbaa afuufnaan loltoonni maruu qachattii gad dhiisanii gara mana ufii deeman; Iyyoo'aab garuu mooticha argu'uuf gara Yerusaalemii deeme. Iyyoo'aab ajajaa loltoota Israa'elii ture; ilmi Yoodaahe'ee Banayaas garuu ajajaa loltuu mana Daawitii eeganii ture. Adooniiraam gibira kaffalchiisa'aa ture; ilmi Ahiluudiimii Iyyoosaafixi nama seenaa barreessu ture; Suusaanillee barreessaa ture. Saadooqii fi Abiyaatar gadoota turan; Iri'aas namni gosa Iyyaa'irii nama Daawitiin mari'achiisu ture. Bara Daawiti bulchu woggaa sadihii guutuu beelatu ture; sababaa kanaaf hennaa Daawiti Rabbiin kadhate Rabbi «Saa'olii fi maatiin isaa namoota Gabaa'oonii ajjeesanii yakkaniiran» jedhee deebiseef. Akkuma beekkamu namoonni Gabaa'oonii namoota Israa'eliitii miti; worri Israa'elii worra Gabaa'oonii eegu'uuf waan waadaa galaniif worra gosa Amoorotaa irraa fooyamanii hojjuma ufii jiraatan; Saa'ol garuu guyyaa baniin Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa wol geettii qabanitti isaan fixu'uuf yaadee ture. Kanaafuu Daawiti namoota Gabaa'oonii waamee «Namoota Rabbii akka eebbiftan bikka yakka dura isin irratti raawwatamee san gumaa isinii deebisuu waan barbaaddan maal akka isinii godhu feetan?» isaaniin jedhe. Namoonni Gabaa'ooniillee, «Lolli nu Saa'olii fi maatii isaa woliin qabnu waan birri'ii fi worqi'itti bikkamuu miti; biyya kana gosa Israa'elii keessaa nama tokkollee ajjeesuu hin barbaannu» jedhaniin. Daawitillee «Maal akka isinii godhu barbaaddan ree?» isaaniin jedhe. Isaan mootichaan, «Saa'ol sirima nu fixu'uuf nu keessaa namni tokkollee biyya Israa'elii keessa hulee kamittuu lubbu'uun akka hin jiraanne barbaadee ture. Kanaafuu fiixaa Saa'olii keessaa dhiira torbaa nuu kenni nullee isaan qachaa Gibi'a'aa ta Rabbi Saa'oliin irratti muudee moosise keessatti Rabbiin afo'otti isaan fannifnaa» jedhaniin. Mootichillee, «Isinii kenna» jedhe. Mootichillee waadaa Rabbii ka ilma Saa'olii Yoonaata'aa fi Daawitiin jidduu jiruuf Memfiboostee ilma Yoonaataa ilma Saa'oolii hambise. Garuu mootichi ijoollee lamaan Ritsifaan Saa'olii deette Hermoonii fi Memfiboostee ijoollee shanii ta Meeroobe gosa Maalaataayii Beerzeel mucattii Esdiri'eelii ta Saa'olii deette fuudhee namoota Gabaa'ooniititti isaan kenne; isaanillee namoota kanniin gaara irratti Rabbiin afo'otti fannisan; namoonni torbanuu hennaa garbuun haamamu ajjeefaman. Achiin maayessa Ritsifaan mucattiin Iyyooheelii ta Saa'ol mata gala itti galu uffata gaddaa uffattee, hennaa midhaan itti haamamu irraa jalqabee haga roobni roobuu midhaan dhagaa irratti aftee guyyaa akka simbirti hin nyaanne halkan ammo akka bineensi hin nyaanne dhoogga'aa turte. Waan mucattiin Iyyooheelii Ritsifaan ta Saa'ol mata gala itti galu hojjatte Daawititti himan. Daawiti gara Gilbo'aa dhaqee lafee Saa'oliitii fi ka ilma Saa'olii Yoonaata'aa fuudhe guyyaa baniin Iyyaabisii lafee argan guyyaa worri Filisxeemii Gilbo'atti Saa'oliin ajjeesan reeffa isaanii raasaa Beetisaaniitii hatan. Daawiti lafee Saa'olii ka Yoonaata'aatii fi reeffa nama torbaa wolitti qabe. Achiin maayessa lafee Saa'oliitii fi lafee ilma Saa'olii ka Yoonaata'aa pheelaa biyya Biiniyaamii awwaala abbaa isaa ka Qiisii biratti awwaalanii waan mootichi jedhe maraa raawwatan; Achiin maayessa Rabbi kadhaa waan biyyaatiif isa kadhatan dhagaye. Worra Filisxeemiitii fi worra Israa'elii jidduu lolatu ture; Daawiti fi loltoonni isaa worra Filisxeemiitiin wol lolanii Daawiti dadhabe. Namni gosa Raffaayimii ka Yishibibnoob jedhamu jabaan tokko Daawitiin ajjeesuu yaade; meeshaan lolaa ka inni hidhate haarofni ulfaatinni isaa saqilii sadihii fi wodhakkaa ture. Garuu Abiisaa ilma Tsuuriya'aatitu du'a isa oolche; inni worra Filisxeemii dhayee ajjeese; achiin maayessa namoonni Daawitii, «Ati ibsaan worra Israa'elii akka hin banne ammaa achi nu woliin lolaaf hin baatu» jedhanii kakataniif. Achiin maayessa hulee Goob jedhamu irrattillee worra Filisxeemiitiin wol lolan; Sebokaayi namni gosa Kuusa'aa Saafinii nama gosa Raaffaayimii ajjeese. Akkasuma lafa Goob jedhamtu irratti worra Filisxeemii woliin wol lolan; hennaa san ilmi Ari'aargii Eeliyaan nama gosa Geetii ka soomayyuun isaa haga muka woyaa dhooftuun woyaa itti martu gayu harkaa qabu Goliyaadiin ajjeese. Achiin maayessa gosa Geetii irratti lolatu ka'e; achi nama dheeraa harkinii fi lutti isaa caaccuu woliin quba diddamii afurii qabutu ture; inni garuu nama gosa Raaffaayimii keessaa dhalate. Hennaa inni worra Israa'eliitiin lolu'uuf itti miixe Yoonaataan ilma obboleessa Daawitii Saamaan isa ajjeese. Namoonni jajjabaan arfan ta worra Geetii namoota gosa Raaffaayimiiti; isaan maraa Daawitii fi loltoota isaatitu ajjeese. Daawiti guyyaa Saa'olii fi diintota isaa jalaa Rabbi isa hambise faaruu kana Rabbii faarfate. akkana jedhe, Rabbi hunna kiyyaa fi dawoo kiyya. Rabbi Tissee kiyya waan ta'eef isa abdadha; Rabbi wontee kiyyaa fi gargaaraa kiyya; irkoo kiyyaa fi hulee ani itti dhokadhu; fayyisaa kiyya; ati hammeenna jalaa na oolchita. Rabbii galanni barbaachisuuf waamadha; Inni diintota kiyya jalaa na oolcha. Ciniinsuun du'aa na qabe, lolaan dharaallee na sodaachise; Ibiddi asaabaa na marsee; Siiboo du'aallee natti ijaaran; Hennaa rakkadhe Rabbiin waamadhe; Akka na gargaaruuf Waaqa kiyyallee kadhadhe; Innillee mana woyyuu ufii keessa taa'ee laagaa kiyya dhagaye; iyya kiyyallee naa dhagaye; Lafti sochootee raafamte, utubaan Sami'iillee hin socho'e, Rabbi waan loleef sodaatanii hollatan. Lola inni loleen aarri lolaa isa keessaa baye, afaan isaa keessaa barbadaa ibiddaa ka nama gubutu baya; woramaxatu isa irraa ife. Samiiwwan baqassee gad bu'e, Luka isaa jala dukkanatu jira. Maleekkaa Kiruubeel jedhamuun bararee qilleensa keessa ol lixe. Huleen inni itti dhokate dukkana, duumessi jimiin isa marse, duumessa keessa jiru bisaan godhe. Sababaa ifa isa afoo jiruutiin gubatan. Rabbi samiiwwan irraa gigisse, Rabbiin jiraataan jecha ufii kenne. Rabbi eboo ufiitiin darbatee isaan bittinneesse; bakakkaa ergee, isaan raase, Lola Rabbiitiin Hafuura ibiddaa ka afaan isaatii bawuun galaanni yaa'u mudhate, bu'uurran adunya'aallee hin mudhatan. Rabbi hiixatee harka na qabe, Qilee galaanaa keessaallee butee na baase. Diintota kiyya ka jabaatan jalaa na baase, worra na jibban jalaa na hambise, waan natti jabaatanii turaniif. Hennaa ani rakkadhe natti ka'an; Rabbi garuu irkoo naa ta'e. Waan na jaalateef na fayyise, Gara raasaa badha'aa na baase. Rabbi akka qajeellummaa kiyya laalee naa kaffala, akka qulqullummaa harka kiyyaatitti naa deebisa. Ani seera Rabbii eegeera, Waaqa kiyya hin dhibne. Ani seera Rabbii maraa hin raawwadha; Seera Rabbii kabajjuu hin dhiifne. Ani isa afo'otti qajeelaa ture; cubbuu irraa uf eege. Rabbi akka qajeellummaa kiyyaa, akka qulqullummaa harka kiyyaatitti gatii naa deebise Yaa Rabbii kiyya! Nama arja'aaf hin arjoomta, Nama qajeela'aaf ati qajeela'a. Nama qulqullu'uuf ati qulqullu'u. Nama hama'aaf ammo gatii hammeenna isaa kennitaaf. Ati banii miidhame hin fayyifta, Worra uf tuulan garuu hin salphifta. Rabbii kiyya! Ati ifa kiyya, Rabbi dukkana kiyya hin ibsa. Hunna keetiin diintota kiyya injifadha, Ati Waandhi kiyya akka dallawa utaalu na taasifta. Karaan Rabbii qulqullu'u, Dubbiin isaa adda, Worra isa amanatan maraaf inni wonte'e. Rabbiin malee Waandhi eennu? Waaqa keenna malee ka dawoo namaa ta'u eennu? Ka hunna naa kennu, ka karaa naa qajeelchu Rabbi. Luka kiyya akka luka kuruphe'eetitti jabeessa Rabbitu gaara irra na dhaaba. Harka kiyya lolaaf leenjisa; harka kiyya akka buundhee lolaa harkisuu danda'utti jabeessa. Ati wontee fayyinnaa kee naa kennite, Hunni kee na jabeessa. Deemsa kiyya hin midhaassite, Lutti kiyyallee hin mucucaanne. Diintota kiyya ari'ee balleessa, Uduu isaan hin balleessine uf irra hin deebi'u. Akka lafaa hin kaanetti isaan dhaya; isaanillee na jalatti kufan. lolaaf hunna naa kennita, worra na caalan na jalatti gad deebifta. Akka diintonni kiyya dheessanii duubatti dacha'an goote; worra na jibban maraa hin balleessite. Isaan hin iyyan, ka isaan gargaaru hin argamne, Rabbitti iyyatanii, Rabbillee isaan hin dhageenne. Akka daara'aatitti isaan bulleesse Akka duduba karaa keessaatitti isaan dhiite Mormii bani'ii jalaa na hambifte worra Yihuudota hin taane irratti na muudde baniin ani hin beenne na jalatti bula Waaqoleen tolfamaan naa sagadan, Gurra kiyya dhagayanii na jalatti bulan Worri waaqa tolfamaa waaqeffatan hin badan; hulee itti dhokatanii dafanii hollata'aa dhufan. Rabbi jiraata'a, tissee kiyya eebbifama'a. Waandhi tisseen kiyya ka na fayyise haa kabajjamu Waandhi haluu naa baasu worra Yihuudota hin taane ka na jalatti bulchu Diintota kiyya jalaa ka na oolchu isa worra naa ol ta'an irra na aansita, nama hamaa jalaallee na oolchita. Gooftaa kiyya! Kanaafuu banii jiddu'utti si galatoonfadha, maqaa keetiifillee hin faarfadha. Mootii ufii moosisee mootee kennaaf; ka ufii muude jaalala bara baraa itti mudhisa; Daawitii fi fiixaa isaatiif baraa haga bara baraa kana godha. Ka Rabbi kabajje; ka Waaqa Yaaqoobiitiin muudame; ka banii Israa'elii keessatti faaruu mishaa faarfatu; dubbiin ilma Isseyii ka dhumaa kana. Hafuurri Rabbii na keessaan dubbate, Jechi isaallee afaan kiyya irra jira. Waandhi Israa'elii natti dubbateera ka Israa'eliin eegu akkana naan jedhe. namni qajeellumma'aan bulchu, ka sodaa Rabbiitiin moowu, Inni akka ifa biiftuu ganamaati. Ganama akka ifa duumessi hin qabnee, akka marga roobni yoo itti roobeen maayessa lalisuu ta'a. Waa maraanuu ka midhaagee fi ka abdatame; dhugamaan manni kiyya Rabbiin afo'otti amanama'aa mii? inni waadaa baraa haga bara baraa ka hin diiggamne na woliin galeera; fedha kiyyaa fi hawwii kiyya maraa naa raawwata. Worri hammeeyyiin maruu akka qoree harkaan hin qabamnee ka namni gateeti. Namni kamuu yoo isa tuquu barbaade sibiilaa fi uffata sibiilaa qabata. hennaa san hujii ufiitiin sirima gubatan. Maqaan loltoota Daawitii jajjabaan kanniin; Iyyaabusteen gosa Kana'aanii ka bulchoota bulchu ture; inni woraana fudhatee hennama tokko haga nama dhibba saddeetii ajjeese. Isaan maayessa Eeliyaanaa ilma Duudii ka gosa Ahowa'aati; hennaa worra Filisxeemii ka lolaaf wolitti qabamaniin lolan loltoota Daawitii jajjabaa sadiin keessaa tokko isa; worri Israa'eliillee hin dacha'an. Inni garuu ka'ee dhaqee haga harki isaa haree dadhabutti worra Filisxeemii dhaye; guyyaa san Rabbi mootee guddaa kenneef; isaan maayessa baniin haga lolli dhaabate boojuu callaa guurachu'uuf deebi'an. Isaan maayessa Saamaa ilma Age'ee ka gosa Arooda'aa ture; worri Filisxeemii maasaa worra biyya Misirii itti facaafame keessatti hulee tokkotti wolitti qabamanii turan; baniin Israa'elii garuu worra Filisxeemii jalaa dheesse. Inni ammo qonna keessa dhaabatee eegee worra Filisxeemii ajjeese; gaafas Rabbi mootee guddaa kenneef. Namoota biyya bulchan namoota soddomaa keessaa namni sadihii hennaa midhaan haamamu Adoola'atti goda Daawiti jiru dhaqan; loltoonni worra Filisxeemii dhooqa raaffaayimiititti quphatanii turan. Hennaa san Daawiti goda keessatti dhokatee ture; hennaa san loltoonni worra Filisxeemii Beteliheemiin turan. Daawiti, «Eennumatu burqaa balbala Beteliheemii jirtuu irraa na obaasa!» jedhee yaade. Loltoonni Daawitii jajjabaan sadiin loltoota worra Filisxeemii keessa lufanii burqaa Beteliheemii ka balbalaa irraa woraabanii Daawitii fidan. Inni garuu dhuguu hin barbaanne bikka san bisaan san jissee, «Rabbii kiyya! Ani sirima bisaan kana hin dhugu; ani yoo bisaan kana dhuge akka waan dhiiga namoota jajjabaa uf irraa bayanii dhaqanii bisaan kana woraabanii dhugeeti!» jedhe; wonti namoonni jajjabaan sadiin sunniin godhan kana. Abiisaan ilma Tsuuriya'aa obboleessa Iyyoo'aabii ajajaa loltoota soddomaati; inni woraana ufii fudhatee namoota dhibba sadihii fixe; kanaafuu inni akkuma namoota sadihii jajjaboota sanniinii gurra dhagayate. Inni namoota soddomaa sanniin keessaa nama jabaa waan ta'eef isaan irratti muudame; garuu inni akka namoota jajjabaa sanniiniitii miti. Baanayaas ilmi Yoodaahe'ee jabaa gosa Qabxeelii ka biyya Tsinu'ii ijoollee lamaa ta gosa Qabseelii gosa Moo'aabii ajjeese; ji'a qorri bu'e boolla leencaa keessa seenee leenca ajjeese. Nama dheeraa biyya Misiriillee hin ajjeese; namichi du'u ka biyya Misirii woraana harkaa qaba; Banayaas garuu ulee harkatti qabatee woraana isaa harkaa fudhatee isa ajjeese. Wonti Banayaas akka namoota jajjabaa sadihii sanniiniititti raawwate kanniin. Inni loltoota soddomaa sanniin caalaa beekkamaa ta'ullee jabeennaan namoota sadihii sanniin hin gawu; Daawiti Banayaasiin ajajaa waardiyyoota isa eeganii godhee isa muude. Rabbi hennaa lammeesso'ootiif worra Israa'eliitiin lolee Daawitiin, «Deemiitii worra Israa'eliitii fi worra Yihuuda'aa laakkayi!» jedhee isaan irratti muude. Kanaaf mootichi Iyyoo'aabiin, «Worra si woliin jiran ka loltoota ajajan, laakkobsa bani'ii beeku'uuf Daanii jalqaba'aatii haga Beersaabeehii banii keessa deema'aatii laakkayaa'a» isaaniin jedhe. Iyyoo'aab mootichaan, «Ijji mootii kiyyaa uduu argu, Rabbi Waandhi kee banii amma jiru irratti dachaa dhibbaa haa eda'u garuu mootichi gooftaan kiyya maaf waan kana jaalata?» jedheen. Waan mootichi jedhe Iyyoo'aabii fi worri loltoota ajaju fudhatanii worra Israa'elii laakkayu'uuf mooticha biraa deeman. Laga Yoordaanosii ceeyanii ladda qachaa Iyyaazeerii ta dhooqa Gaadii jirtu gara kaabaatiin Ero'eeritti quphatan. Achiillee gara Gala'aadii biyya Tabaasoonii Adaasaayii dhaqanii gara Daaniyaaniillee gayan; gara Siidoona'aallee hin naannayan. Gara kushee worra Xiroosii worra Eewwotaatii fi gara qachaa worra Kana'aanii maraa dhaqanii Yihuudaa gara kibbaatiin Beersaabeehiin keessa lufan. Biyya maraa keessa naannayanii ji'a sagalii fi guyyaa diddamaan maayessa gara Yerusaalemii deebi'an. Iyyoo'aab laakkobsa bani'ii laakkayee mootichatti kenne; Israa'eliin keessatti worri guraade'een lolan namoonni jajjabaan namoota haga kuma dhibba saddeetii turan; namoonni Yihuuda'aa ammo haga namoota kuma dhibba shanii turan. Garuu Daawiti haga banii laakkayeen maayessa nayee, «Rabbii kiyya! Ani waan godhe marattuu si yakkeera, yabo'oo Waaqa kiyya! dogoggora guddaa waan hojjadheeruuf cubbuu garbicha keetii akka dhiiftu si kadhadha» jedheen. Daawiti hennaa ganamaan ka'u, dubbiin Rabbii gara Gaadii raatticha Daawitii ka akkana jedhu dhufe. «Deemii Daawitiin, ‹Rabbi akkana jedha waa sadihii si afoo kaaya, waan si afoo kaawu sanniin keessaa kamiin akka si irratti raawwadhu tokko keessaa filadhu› jedhii itti himi» jedheen. Gaad gara Daawitii dhaqee, «Biyya keetitti beelli haga woggaa sadihii haa dhufuu? mo'o, diintonni tee haga ji'a sadihii si haa ari'anii; mo'o, balaan biyya kee irratti guyyaa sadihiif haa ta'uu? ka na ergetti maal akka deebisu yaadii qoradhuu natti himi» jedheen. Daawiti Gaadiin, «Ani waan guddisee rakkata'aaruuf, araarri isaa waan guddaa ta'eef ka harka namaa irratti kufee mannaa ka harka Rabbii irratti kufe naa woyya» jedheen. Kanaaf Daawiti balaa filate, hennaa qamadiin haamamu balaan banii jiddu'utti ka'ee nama kuma torbaatamaa ajjeese. Maleekkaan Rabbii Yerusaalemiin balleessu'uuf hennaa harka ufii hiixate, Rabbi waan hamaa saniif gaddee maleekkaa banii fixa'aaruun, «Amma hin gayaa harka kee deeffadhu» jedheen; hennaa san Maleekkaan Rabbii Oorii nama gosa Iyyaabuusiitii fi Oobdii bira ture. Daawiti hennaa maleekkaa banii dhaya'aaru arge Rabbiin, «Ani hin yakke; hujii dabaa hojjadhe; garuu baniin kun maal balleesse? balaan kun anaa fi mana abbaa kiyyaa irra akka ta'u si kadhadha» jedhee dubbate. Gaafa san Gaad Daawitiin bira dhaqee, «Ka'ii oobdii Oorna'aa nama gosa Iyyaabusiititti hulee ciinca'aa Rabbii ijaari» jedheen. Daawiti akkuma Gaad isatti himetti dubbii Rabbiitiif ajajamee baye. Oornaan ol jedhee yoo laalu mootichinii fi bulchoonni ka gara isaa dhufa'aaran argee, mooticha afo'otti gad jedhee nagaya gaafate. Oornaan, «Mootii kiyya! maaf garana as dhufte? jedhee gaafate; Daawiti, «Rabbi akka balaa banii irraa kaasu, Oobdii kee si irraa bitee hulee ciinca'aa Rabbiif hojjachu'uuf dhufe» jedheen. Oornaan Daawitiin, «Akkuma mootichi gooftaan kiyya fedhe hulee ciinca'aa Rabbiif haa ijaaruu; waan hulee ciinca'aa irratti ciinca'aaf dhiyaatan sangoonni kunniin hin jiran, wonti qoraan ta'u, qambarri isaan itti xamadamanii fi munni midhaaniin dhayan maruu kunooti» jedheen. Oornaan, «Mootii kiyya! Oornaan waan kana maraa mootichaa kenna» jedheen; Oornaan mootichaan, «Rabbi Waandhi si irraa haa jaalatu» jedheen. Mootichi Oorna'aan, «Gati'iin si irraa bita malee akkanaan si irraa hin fudhadhu, ciincaa Rabbii Waaqa kiyyaaf dhiyeessu gatii malee hin dhiyeessu» jedheen; achiin maayessa Daawiti Oobdi'ii fi sangoota saqilii shantamaan bite. Achitti Daawiti hulee ciinca'aa Rabbiif hojjatee ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyinnaa dhiyeesse; Rabbillee waan inni biyyaaf kadhate dhagayee balaa worra Israa'elii irraa dhoogge. Mootichi Daawiti waan guddisee dulloomeef hojjattoonni isaa uffata dachaa isatti oo'u fidanii itti uwwisanillee isatti hin oo'u ture. Kanaafuu hojjattoonni isaa, «Mootii keenna! durba si bira teettee si badaddu sii finna; isiin si woliin bultee si oo'iftii» jedhaniin. Biyya Israa'elii maraa keessa mucattii guddiftee bareeddu soqanii Abiishaagii gosa Suunaamii arganii mooticha bira fidan; mucattiinillee guddiftee bareedduu turte; isiin mooticha bira teettee isa gargaara'aa turte; garuu mootichi isii bira hin geenne. Adooniyaas ilmi Aagitti'ii mootii ta'a jedhee gaarii fardaa, worra fardaan loluu fi worra lukaan isa afoo fiigan namoota shantamaa qopheeffate. Abbaan isaa hennaa lubbu'uun jiru maaf kana goota? jedhee isaan hin lolle ture; inni nama bareeda maandhaa Abeseloomiiti. Waan kana Iyyoo'aabii ilma Tsuuriya'aatii fi Abiyaatarii gadicha woliin mari'ate; isaanillee waan inni isaan mari'achiiseen wolii galan. Garuu Saadooq gadichinii fi Banayaas ilmi Yoodaahe'ee, Naataan raattichi, Saamiin, Reesiinii fi loltoonni jajjabaan Daawitii Adooniyaasiin woliin hin turre. Adooniyaas hoolota, sangootaa fi mirgoolee dhagaa Zooleetii ladda burqaa Ayinroogeelii biratti ciincaa dhiyeessee ijoollee mootichaa, obboleewwan isaa maraa, hojjattoota mootichaatii fi namoota Yihuuda'aa maraa waame. Garuu Naataanii raatticha, Banayaasiin, worraa baallii qaban ka Daawitiin eeganii fi obboleessa ufii Solomooniin hin waamne. Kanaan maayessa Naataan haadha Solomoonii Beersaabeehitti akkana jedhee dubbate; «Mootichi gooftaan keenna Daawiti uduu hin beekin, Adooniyaas ilmi Aagitti'ii akka mooye hin dhageennee?» «Ati amma akka lubbuu keetii fi lubbuu ilma kee ka Solomoonii itti oolfattu si gorsaa, deemii gara mooticha Daawitii seenii, ‹mootii! gooftaa kiyya! ana garbittii teetii, ‹ilmi kee Solomoon anaan maayessa mootii ta'a, teessoo kiyya irra taa'a› jettee naa hin kakannee? Adooniyaas maaf mooya ree?» jedhiin. «Hennaa ati waan kana mooti'itti dubbattu ani si duubaan seenee wonti ati dubbattu akka raawwatamu godha.» jedheen. Kanaaf Beersaabeehi gara gola hulee mootichi jiruu seente; mootichi waan guddisee dulloomeeruuf Abiisaan gosa sunaamii isa gargaara'aa turte. Beersaabeehi gad jettee mooticha nagaya gaafatte; mootichi garuu «Maal akka sii godhu feeta?» jedheen. Isiinillee, «Gooftaa kiyya! Ati garbittii teetiin ilmi kee Solomoon anaan maayessa mooya; teessoo kiyya irrallee hin taa'a jettee maqaa Rabbii Waaqa keetiitiin naa kakatteerta. Amma uduu ati hin beekin Adooniyaas mootii ta'eera, ati mootiin gooftaan kiyya kana hin beettu. Inni sangoota, mirgoole'ee fi hoolota hedduu ciincaa dhiyeesseera; ijoollee mootichaa maraa, Abiyaatarii gadichaa fi Iyyoo'aabii ajajaa loltootaa waameera; garbicha kee Solomooniin garuu hin waamne. Amma mootii gooftaa kiyya! siin maayessa nama teessoo mootii gooftaa kiyyaa irra taa'u akka isaanitti himtu baniin Israa'el maruu si laala'aara; yoo kana hin taane, hennaa ati gooftaan keenna duutee abboota teennaan wolitti eda'amte, anii fi ilmi kee Solomoon akka nama cubbama'aatitti laallamna.» Uduma isiin waan kana mootichatti dubbattu, Naataan raattichi isii duubaan seene. Raattichi Naataan dhufeera jedhanii mootichatti himan; inni hennaa mooticha bira seene, gad jedhee mooticha nagaya gaafate. Naataan mootichaan, «Mootii gooftaa kiyya! ‹Ati naan maayessa Adooniyaas mooyee teessoo kiyya irra taa'a› jetteertaa? Inni adha sangoota, mirgoole'ee fi hoolota hedduu ciincaa dhiyeesseera; ijoollee mootichaa mara, Iyyoo'aabii ajajaa loltootaatii fi Abiyaatarii gadichallee waameera; kunoo isaan isa afo'otti nyaata'aa dhuga'aa, «Adooniyaas woggaa kumaa haa moowu!» jedha'aaran. Garuu garbicha kee, Saadooqii gadicha, Baanayaasii ilma Yoodaahe'eetii fi garbicha kee Solomooniin hin waamne. Dhugamaan wonti kun mootii gooftaa kiyya biraa ta'ee? garbichi kee siin maayessa teessoo mootii gooftaa isaa irra akka taa'u sitti hin himnee? Mootichi Daawiti, «Beersaabeehiin naa waamaa'a!» jedhe; isiin gara mootichaa ol seentee isa afoo dhaabatte. Mootichi maqaa Rabbii jiraataa lubbuu tiyya hambiseen kakadhaa, ilmi kee Solomoon anaan maayessa mootii ta'a hulee kiyya bu'ee teessoo kiyya irra hin taa'a jedhee akkuma Rabbii Waaqa Israa'eliitiin sii kakadhe, akkasuma adha dhugamaan godha jedhee kakate. Beersaabeehi gad jettee mooticha harka fuutee, «Mootichi gooftaan kiyya Daawiti baraa haga bara baraa lubbu'uun haa jiraatu!» jette. Achiin maayessa mootichi Daawiti, «Saadooqii gadicha, Naataanii raattichaa fi Banayaasii ilma Yoodaahe'ee naa waamaa'a» jedhe; isaanillee gara mootichaa seenan. Mootichi, «Garboota gooftaa keessanii qaba'aa deemaa'a, ilma kiyya Solomooniin gaangee yaabbisa'aatii gara burqaa Giyoonii fidaa'a. Achitti Saadooqi gadichinii fi Naataan raattichi banii Israa'elii irratti mootii godhanii haa muudanii, xurumbaa afuufa'aa, ‹Solomoon woggaa kumaa haa moowu› jedhaa'a. Isa marsa'aa deemaa'a, inni dhufee teessoo kiyya irra haa taa'uu; bayaa'a inni garuu dhufee teessoo kiyya irra haa taa'uu bikka kiyya haa mooyuu, inni akka worra Israa'eliitii fi worra Yihuuda'aa irratti moowu ajajeera» isaaniin jedhe. Banayaas ilmi Yoodaahe'ee mootichaan, «Waan kana Rabbi Waandhi kee haa raawwatu, Rabbi akkuma mooticha gooftaa kiyya woliin ture, akkasuma Solomooniin woliinillee haa ta'u, mootummaan isaa mootummaa Daawitii haa caalu. Kanaafuu Saadooqiin gadichi, Naataan raattichi, Banayaas ilmi Yoodaahe'ee, worri Kaliitotaatii fi worri Faliitotaa Solomooniin gaangee Daawitii mootichaa yaabbisanii gara burqaa Giyoonii fidan. Saadooqiin gadichi buuchoo daasee keessaa fuudhee Solomooniin muudee xurumbaa afuufe, baniin maruu «Solomoon woggaa dheeraa haa jiraatu!» jedhan. Baniin maruu isa faanaa bayanii sirba sirba'aa guddisanii gammadan; isaan waan guddisanii woca'aa sirbaniif lafti sochoote. Adooniyaasii fi namoonni inni haa waa nyaatani'iif waame maruu haga waa nyaatanii fixan hin dhagayan; Iyyoo'aab haga laagaa xurumba'aa dhagaye; «laagaan wocaa ka qachaa tana keessaa dhagayamu maali'i?» jedhee gaafate; Uduma inni kana dubbata'aaru Yoonaataan ilmi Abiyaatarii gadichaa dhufe; Adooniyaas, «Ati nama waan mishaa namatti himu waan taateef ol seeni» jedheen. Yoonaataan Adooniyaasitti akkana jedhee deebise, «Ani dhugamaan siin jedha Daawiti mootichi keenna Solomooniin moosise. Mootichi isa woliin, Saadooqii gadicha Yoonaataa raatticha, Banayaasii ilma Yoodaahe'ee, worra Kaliitotaatii fi worra Faliitotaa erge; isaanillee Solomooniin gaangee mootichaa yaabbisan. Saadooqiin gadichinii fi Naataan raattichi burqaa Giyooniititti mootii godhanii isa muudan; achiillee gammada'aa hennaa yaa'an qachattii keessatti laagaa dhageessisan, laagaan isaan dhagayan kana; Achiin maayessa Solomoon mooyee teessoo mootumma'aa irra taa'e. Garboonni mootichaa gara Daawitii seenanii, ‹Rabbi maqaa Solomoonii maqaa kee caalaa, mootummaa isaallee mootummaa kee haa caalchu!› jedhanii mootii gooftaa keenna Daawitiin eebbisan; mootichi siree irraa gad jedhee sagade. Mootichi, ‹Uduu ani lubbu'uun jiru Rabbi Waandhi Israa'elii ka adha mootummaa kiyya dhaalu naa kenne galanni haa gawu!› » jedhe. Worri Adooniyaas waame maruu sodaatanii karaa ufii qabatanii deeman. Adooniyaasillee Solomooniin sodaatee dhaqee buuchoo hulee ciinca'aa jiru qabate. Namichi Adooniyaas gara Solomoonii ergate, Solomooniin, «Kunoo Adooniyaas Solomoonii mooticha sodaatee ana garbicha ufii guraade'een akka hin ajjeefne, ‹adha naa haa kakatuu› jedhee buuchoo qabate» jedhaniin. Solomoonillee, «Inni haala ufii yoo qajeelfatee jiraate rifeensi mataa isaa takkattiinillee lafa hin buutu; garuu yoo wonti hamaan irratti argame hin du'a» jedhe. Kanaan maayessa mootichi Solomoon nama itti ergee hulee ciinca'aa irraa buufnaan dhaqee Solomoonii mooticha gad jedhee nagaya gaafate; Solomoonillee, «Gara mana keetii deemi» jedheen. Daawiti hennaan du'u geennaan akkana jedhee Solomooniin gorse, «Ani amma hennaan du'u gayeeraa ati garuu jabaadhu! nama kutataa ta'i; wonti ati gootuu fi karaan ati deemtu maruu akka sii qajeelu, akkuma seera Muuse'ee keessatti barreeffame ajaja isaa, seera isaa, murtii isaatii fi ragaa isaa, karaa isaa hennaa deemtu ajaja Rabbii Waaqa keetii eegi. Akkuma dura Rabbi na abdachiise ‹Ijoolleen tee yoo seera kiyya eegan, yaada qulqullu'uun, garaa qulqullu'uu fi dhuga'aan yoo na faanaa deeman, teessoo mootummaa Israa'elii irraa fiixaan kee hin citu› jedhe akka raawwatamuuf. «Ati waan ilmi Tsuuriya'aa Iyyoo'aab ajajoota jajjabaa Israa'elii lamaan, ilma Neerii Abineerii fi Amesaayii ilma Yooteruunii ajjeesee hin beetta; dhiiga hennaa lolaa jigeef, haluu bayu'uuf isaan ajjeesee sabbata ufiitii fi kophee ufiititti dhiiga akka dibe hin beetta. Atillee ogummaa qabduun isa ajjeesi; haga inni dulloomee du'utti hin eegin. Hennaa ani obboleessa kee jalaa baqadhe ijoolleen Beerzeelii nama gosa Gala'aadii waan na gargaaraniif waan mishaa isaanii godhi; isaan worra kooboo kee keessaa nyaatan woliin haa nyaatanii. «Anillee hennaa gara Mannaayimii dhaqe, namni guddisee na abaare, namni biyya Biraaqii Saamiin ilmi Geeraa gosa Biiniyaamii si bira jira; inni hennaa ani laga Yoordaanosii ceewu na simachu'uuf dhufe; ani guraade'een si hin ajjeesu jedhee maqaa Rabbiitiin isaa kakadheera; Ati garuu nama ogeessa waan taateef waan gootu hin beetta; ogummaa keetiin isa ajjeesi; inni nama salphinnaan du'u akka ta'e hin irraanfatin.» Daawiti du'ee qachaa ufii Yerusaalemiin keessatti awwaalame; Daawiti Israa'eliin woggaa afurtama bulche; Keebroonitti woggaa torba, Yerusaalemitti woggaa soddomii sadihii bulche. Solomoon teessoo mootumma'aa ka abbaa ufii Daawitii irra taa'e; mootummaan isaallee jabaatee dhaabate. Ilmi Aagitti'ii Adooniyaas gara Beersaabeehii haadha Solomoonii dhaqe. Isiinillee, «Nagayuma gara kiyya dhuftee?» jetteen. Innillee «Ee, nagayuma» jedhe; si irraa hajaa qaba» isi'iin jedhe. Isiinillee, «Dubbadhu» jetteen. Adooniyaas, «Ati akka ani mootii ta'u'uuf ta'u, worri Israa'elii maruu akka ani mootii ta'uuf akka na eega'aaran hin beetta, mootii ta'uun garuu ana irra lufee obboleessa kiyyaaf ta'eera. Amma waan tokko si kadhadhaa na hin saalfachiisin» jedhe; isiin garuu «Dubbadhu» jetteen. Inni isi'iin, «Mootichi Solomoon si hin diduu Abiisaa nama gosa Suunaamii akka natti heerumsiisu akka naa gaafattu si kadhadha» jedhe. Beersaabeehi, «Misha'aa maarre waan kee mootichatti hima» jette. Kanaaf Beersaabeehi waan Adooniyaas isii gaafate mootichatti himu'uuf gara Solomoonii mootichaa dhaxxe; mootichi isii reebbatee dhungatee deebi'ee teessoo ufii irra taa'e, haadha ufiitiifillee teessoo fijjisiisee mirga ufii isii teessise. Isiin, «Woma diqqoo woyii si kadhadhaa na hin saalfachiisin» jette. Mootichi, «haadha tiyya! si hin saalfachiisuu natti himi» isi'iin jedhe. Isiin «Abiisaan gosa Suunaamii obboleessa kee Adooniyaasitti haa heerumtuu» jette. Mootichi Solomoon deebisee haadhaan, «Abiisaa gosa Suunaamii maaf Adooniyaasiif na kadhatta? inni obboleessa kiyya ka hangafaa waan ta'eef, mootumma'aa na gaafadhu; Abiyaatar gadichinii fi Iyyoo'aab ilmi Tsuuriya'aa isa woliin jiran.» Kanaan maayessa Solomoon «Yoo ani Adooniyaasiin ajjeesuu baadhe, Rabbi na hin dhiisin!» jedhee kakate. Ka amma jabeessee na dhaabe, teessoo mootumma'aa ka abbaa kiyya Daawitii irra na kaaye, ka akkuma dubbatetti mana naa ijaare, maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakadhee, adha Adooniyaas hin du'a!» jedhe. Mootichi Solomoon Banayaasii ilma Yoodaahe'ee itti erge; Banayaasillee Adooniyaasiin ajjeesise. Kanaan maayessa mootichi Abiyaatarii gadichaan, «Ati adha silaa nama du'u; garuu Saanduuqa waadaa Rabbii Waaqa keetii abbaa kiyya Daawitiin afo'otti waan baadhatteef, rakkinni abbaa kiyya irra gaye maruu si irrallee waan gayeef, ani si hin ajjeesuu gara qonna Anaatootii deemi» jedheen. Achiin maayessa dubbiin Rabbii ka Seelo'otti Eeli'itti dubbatame akka raawwatamuuf Solomoon Abiyaatariin gadoota jiddu'uu baase. Oduun kun Iyyoo'aabiin gaye; Iyyoo'aab Adooniyaasiin faana deeme malee Abeseloomiin faanaa hin deemne; Iyyoo'aab gara daasee Rabbii dheessee buuchoo ciinca'aa qabate. Mootichi Solomoon akka Iyyoo'aab gara daasee Rabbii dheessee buuchoo ciinca'aa qabate dhagaye; Solomoon ilma Yoodaahe'ee Banayaasiin dhaqii ajjeesi jedhee ajaje. Banayaas gara daasee Rabbii dhaqee, «Mootichi bayi siin jedha» jedheen. Inni garuu, «Ani asumatti du'a malee hin bawu!» jedhe; Banayaas dubbii Iyyoo'aab itti hime kana naa deebise jedhee mootichatti hime. Mootichi akkana jedheen, «Akkuma inni siin jedhe godhi; Iyyoo'aab dhiiga akkanumaan raasa'atti jige anaaf mana abbaa kiyyaa irraa fageessiitii isa ajjeesii awwaali. Abbaan kiyya Daawiti uduu hin beenne Iyyoo'aab namoota qajeelaa isa irra woyya'aa lamaan Abeneerii ilma Neerii ajajaa loltoota Israa'eliitii fi Amesaayii ilma Yooteerii ajajaa loltoota Yihuuda'aa waan guraade'een ajjeeseef Rabbi Iyyoo'aabiin hin adaba. Iyyoo'aab waan ajjeeseef adabbiin isa irratti raawwatame, isaaf fiixaa isaa irrattillee baraa haga bara baraa haa ta'u; fiixaa Daawitii ka teessoo mootummaa isaa irra taa'aniif garuu nageenni Rabbii baraa haga bara baraa isaaniif haa ta'u.» Kanaaf Banayaas ilmi Yoodaahe'ee itti dhaqee Iyyoo'aabiin ajjeesee mana isaa ka lafa onaa keessa jiru keessatti awwaalame. Mootichi bikka isaa Banayaasii ilma Yoodaahe'ee ajajaa loltootaa bikka Abiyaataarii Saadooqii gadicha muude. Kanaan maayessa mootichi nama itti ergee Saamii waamsisee, «Yerusaalemitti mana ijaarii taa'i; olii gadi hin deemin; Gaafa baate guyyaa laga Qeediroonii ceete akka duutu beeki; dhiinni kee tasa bada» jedheen. Saamiin mootichaan, «Wonti ati jette misha'a! akkuma ati mootiin gooftaan kiyya dubbatte anillee akkasuma godha» jedhee deebiseef. Kanaaf Saamiin Yerusaalemiin keessa guyyaa baay'ee taa'e. Woggaa sadihiin maayessa hojjattoota Saami'ii keessaa namni lamaa gara Ankusii ilma Ma'aaka'aa mooticha Geetii dheessan; Saami'iin «Kunoo garboonni tee Geetiin jiran» jedhanii itti himan. Saamiin ka'ee harree ufii fe'atee garboota ufii soqu'uuf gara Geetii Ankusiin bira dhaqe. Saamiin dhaqee garboota ufii Geetii fudhate. Solomoon akka Saamiin Yerusaalemii ka'ee Geetiin dhaqee akka deebi'e dhagaye; mootichi dhaamsa ergee Saamii waamsisee, «Yoo olii gad deemte akka duutu beeki» jedhee si hin kassiifnee? yookaan sitti hin rassiifnee? atillee dubbiin misha'a jettee na jalaa dhageetteerta.» jedheen. «Kakuu Rabbii waan ani si ajaje maaf hin eenne? jedheen. Mootichi Saami'iin deebisee, waan ati abbaa kiyya Daawitiin irratti hojjatte dhara garaa keetitti yaaddellee hin beetta; Rabbi hammeenna kee simatti deebisa. Mootichi Solomoon garuu hin eebbifama; teessoon mootummaa Daawitiillee baraa haga bara baraa jabaatee dhaabata» jedheen. Kanaan maayessa mootichi Banayaasii ilma Yoodaahe'ee ajajee ajjeesisiise; akka kanaan mootummaan Solomoonii jabaate. Mootichi Solomoon intala mooticha biyya Misirii fuudhee soddoome; mana ufiitii fi mana Rabbii dallawa naannaya Yerusaalemii jirtu ijaaree haga fixuuf gara qachaa Daawitii isii fide. Haga hennaa sanii manni woyyuun Rabbii waan hin ijaaramneef baniin hulee itti sagadan ka tulluu gubba'aatitti ciincaa dhiyeessa'aa turan. Solomoon Rabbiin waan jaalatuuf seera abbaan isaa Daawiti jiraatuun jiraata'aa hulee itti sagadan ka tulluu gubba'aatitti ciincaa dhiyeessa'aa hixaanallee aarsa'aa ture. Gabaa'oon gaara ijoo irratti sagadan waan taateef mootichi ciincaa dhiyeessu'uuf achi dhaqe; Solomoon achi irratti ciincaa ciincawu kuma tokko dhiyeesse. Rabbi Gabaa'oonitti halkan eebju'uun Solomoonitti mudhatee «Maal akka sii kennu barbaadda?» jedheen. Solomoon Rabbiin, «Akkuma abbaan kiyya Daawiti dhugaa, qajeellumma'aa fi gara laafumma'aan si woliin jiraate ati garbicha kee abbaa kiyya Daawitii waan mishaa gooteerta; akka adha ta'e kana ilma teessoo mootummaa isaa irra taa'u kenniteefii arjummaa guddaa gooteertaaf; ammallee yaa Waaqa kiyya! ana garbicha kee mootummaa abbaa kiyya Daawitii irratti na moosifteerta; ani garuu mucaa diqqaa bayaa gala hin beenne. Huleen ani garbichi kee jiru banii guddaa laakkayamee hin dandeenne keessa jira. Kanaafuu akka banii keetii murtii qajeelaa kennuu danda'u, akka waan misha'aa fi waan hamaa adda baasuu danda'u ana garbicha keetii qalbii hubattu kenni; yoo kana hin taane banii guddaa hagana gawu irratti eentu murteessuu danda'a?» jedhe. Solomoon waan kana kadhannaan Rabbi guddisee gammade. Rabbi, «Murtii qajeelaa murteessu'uuf ufiif ogummaa na kadhatte malee ufii bara baay'ee jiraachuu, durummaa, diintota kee akka sii fixuuf waan na hin kadhanneef, kunoo ani waan ati na kadhatte kana sii kenneera. Kunoo akkuma ati na kadhatte, akkuma armaan dura namni si fakkaatu hin jirre, siin maayessallee akka namni biraa hin kaane godhee qalbii waa hubattuu fi ta ogummaa qabdu sii kenneera. Akkasuma mootota keessaa ka sitti qixxaayu akka hin jiraanne, ulfinnaa fi durummaa ati na hin kadhannellee sii kenneera. Akka abbaan kee Daawiti godhe, atillee akka fedha kiyyaatitti yoo jiraatte, seeraa fi ajaja kiyya yoo eedde akka bara dheeraa jiraattu si taasisa» jedheen. Solomoon hennaa hirribaa dammaqu akka Rabbi eebju'uun itti dubbata'aaru hubate; kanaan maayessa gara Yerusaalemii dhaqee saanduuqa waadaa Rabbii afoo dhaabatee ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa dhiyeessee garboota ufii maraafuu nyaata qopheesse. Hennaa san dubartoonni lamaa ta seebartu dhaqanii mooticha afoo dhaabatan. Dubartittiin takka mootichaan, «Gooftaa kiyya! anii fi dubartittiin tun mana tokko keessa jiraanna; ani uduu isii woliin mana tokko keessa jiraannu daye. Haga daye guyyaa sadihiin maayessa isiinillee hin deette; nu lachuu mana tokko keessa jiraanna; nu lamaan malee namni biraa nu woliin hin jiru. Isiin daa'ima ufii irra waan ciifteef daa'imni isi'ii jalaa du'e. Isiin uduu ani rafeeru daa'ima kiyya na jalaa fudhattee uf jala raffiftee daa'ima ufii ka du'e san fuutee na jala ciibsite. Yoo ani daa'ima kiyya harma hoosisu'uuf ganamaan ka'u daa'imni du'eera; yoo ka'ee laalu daa'ima kiyyaa miti» jetteen. Dubartittiin lammeesso'oollee, «Daa'imni jiru kiyya; ka du'e keeti malee akka ati amma jedha'aartu kanaa miti» jette; akka kana jedha'aa mooticha afo'otti wol morma'aa turan. Kanaan maayessa mootichi, «Dubartittiin tuun, ‹Ka lubbu'uun jiru daa'ima kiyya, ka du'e garuu daa'ima isi'iiti jetti!› dubartittiin lammeesso'oo garuu, «Ka lubbu'uun jiru kiyya, ka du'e garuu ka isi'iiti!› jette jedhe.» Mootichi guraadee naa fidaa'a jennaan guraadee fidaniif. Mootichi worra guraadee qabatee gara isaa dhufe sanniiniin, «Daa'ima lubbu'uun jiru kana bakka lamatti mura'aatii lamaaniiyyuu kennaa'a» jedhe. Haati daa'ima lubbu'uun jiruu waan daa'imni garaa isii nyaateef, «Gooftaa kiyya! daa'ima akkuma jiruun isi'ii kenni malee hin ajjeesin!» jettee mootichatti dubbatte. Haati daa'ima du'ee garuu, «Addaan nuu haa muranii malee kiyyallee hin ta'in; keellee hin ta'in!» jette. Achiin maayessa mootichi, «Daa'ima lubbu'uun jiru ka haadha akka hin duune isi'ii kennaa jetteetii isi'ii kennaa'a malee hin ajjeesinaa'a!» jedhe. Murtii mootichi murteesse worri Israa'elii maruu dhagayanii akka ogummaa Rabbi isaa kenne waan hubataniif mooticha kabajjan. Mootichi Solomoon banii Israa'elii mara irrattuu mooye. Bulchoonni inni muude kanniin; Azaariyaasii gadicha ilma Saadooqii, worri barreessan ilmaan Seeba'aa Eeliyaafii fi Akiya'a, Iyyoosaafixii ilma Ahiluudii ka seenaa barreessu, Banayaas ilmi Yoodaahe'ee ajajaa loltootaati, Saadooqii fi Abiyaataar gadoota turan. Azaariyaas ilmi Naataanii bulchaa worra baallii qabaniiti; ilmi Naataanii Zaabuud ka mootichaa gorsa kennuu fi goshoo mootichaati. Ahiisaar ajajaa mana mootichaati; Adooniiraam ilmi Abidaamii ka gibira gabbarsiisu. Mootichi Solomoon guutuu Israa'elii irratti namoota kudha lamaa namoota godina bulchan muude; hujiin isaanii godina bulchan maraa irraa nyaata mootichaa fi maatii isaatii waan ta'u maraa dhiyeessaniif ture; marti isaaniituu woggaa keessa nyaata ji'a tokkoof ta'u hin dhiyeessan. Maqaan namoota kudha lamaa ka godina kanniin bulchanii akka armaan gadiiti; ilma Huurii ka biyya gaara Efreemii, ilma Deeqarii Maqaatsina'aa fi Basha'aalbiim, Beetisaamisii fi Eloon Beetihaaniin bulcha. Ilmi Heeseedii Arubooti, Sokootii fi biyya Oofeerii maraa bulcha. Biyya daangaa lafa Dooriin maraa ilma Aminaadaabiititu bulcha; inni mucattii Solomoonii ta Xaafaa jedhamtu fuudhee ture. Beetisaaniin irraa jalqabee haga Abelimhoola'aa fi daangaa Yooqimi'a'aa, Taa'inaakii fi Maagidoo Tsartaamiin birattillee Ba'aanaa ilma Alihuudii haga daangaa Iyiziraa'elii maraa bulcha. Reemaatii Zagala'aadii ijoollee Minaase'eellee ilma Geebaariititu bulcha; inni qachoota dallawa dhaga'aatiin ijaaramte ta daangaa Baasaanii Argoobba'aa ta sibiila diima'aan ijaaramte gugurdoo jahaatama qaba. Ilmi Ido'oo Ahinaadaab bulchaa godina Maannaayimiiti. Akimaas ka mucattii Solomoonii Baasimaatiin fuudhe bulchaa godina Niftaalemiiti. Ba'aanaan ilmi Kuusii biyya Aseeriitii fi biyya Ba'aalootii bulcha. Iyyoosaafixi ilmi Faruwa'aa bulchaa godina Yisaakooriiti. Saamiin ilmi Eela'aa bulchaa godina Biiniyaamiiti. Geebaar ilmi Uurii biyya Gala'aadii, biyya Aagii, mootummaa gosa worra Amoorotaa ka mootiin Seewoonii fi Baasaan bulchan. Bulchaa namoota biyya bulchan kanniin namni tooyatu biyya maraa keessatti bulchaa ol'aanaa kanniin maraa tooyatu. Worri Yihuuda'aatii fi worri Israa'elii akka cirracha galaanaa baay'ataniiran; isaan maruu nyaata'aa dhuga'aa gammadan. Mootummaan Solomoonii laga Efraaxisii bulchiinsa Filisxeemii irraa jalqabee achi lufee haga daangaa biyya Misirii jiru maraa bulcha; biyyi kun maruu isa gabbaran; bara jiraatan maraa Solomooniin jalatti bulan. Solomoonii nyaata guyya guyya'aan barbaachisu daakuu mishaa filatame koorii soddomaa, daakuu bullaaye haga koorii kuma kudhanii, sangoota dadaloo manaa keessatti soorame kudhan, sangoota marga raasa'aa keessa dheedanii furdatan diddamaa, hoolota dhibba tokkoo fi kanaan alatti gadamsa bosonaa, siinqillee, Kuruphe'ee fi allaattii nyaattaman fidaniif. Solomoon mootota laga Efraaxisiitiin gamana jiranii fi biyya laga gama jiran maraa Tifisa'aa haga Gaaza'aa maraa bulcha'aa ture; naannoon inni bulchu maruu nagaya. Bara Solomoon bulche Daanii haga Beersaabeehiititti baniin Yihuuda'aatii fi baniin Israa'elii maruu sodaa malee jiraatan; maatiin isaanii maruu gaaddisa muka woyini'iitii fi muka hurbu'uu ka ufii dhaaban jala taa'an. Solomoon farda sanga'aa dare'ee kuma afurtamaa sooraman ka gaarii fardaa harkisanii fi farda lolaa kuma kudha lama qaba. Bulchoonni godina kudha lamaa bulchan Solomoonii fi worra mana mootumma'aa keessatti sooramaniif ji'a isaaniif ramadame keessa womaa uduu hin hambifne henna'aan fidaniif. Namni maruu akkuma seera duraan godhanii sanitti faradoo, gaangee, garbu'uu fi buraa hulema isaan jiranitti fidaniif. Rabbi Solomoonii ogummaa, hubanna'aa fi garaa badhinna ka akka xindhacha galaana biraa baay'atu kenneef. Ogummaan Solomoonii ogummaa worra baya biiftu'uu jiranii fi ogummaa worra biyya Misirii maraa caale. Ogummaa nama maraa caalaa ogummaan isaa ogummaa Eetaanii, ogummaa ijoollee Maahoolii, Heemaan, Kaalikoolii fi Daar'aarii caala; gurri isaa orma naannoo isaa jiran maraa keessatti dhagayame. Inni mammaaka kuma sadihii mammaakee weedduu kuma tokkoo fi shan weeddise. Waan mukkiin birbirsa Libaanosii irraa jalqabee haga muka Hisoophi'ii ka dallawa dhaga'aan ijaarame irratti biqiluu dubbata'aa ture; akkasuma waan busaawa'aa, waan allaatti'ii, waan sosocho'aniitii fi waan qurxummi'iillee dubbata'aa ture. Orma maraa keessaa, mootota biyya lafaa keessaa worri ogummaa Solomoonii dhagayan maruu isa irraa dhagayu'uuf isa bira dhufa'aa turan. Mootiin biyya Xiroosii Kiraam hennaa Daawiti mootii ta'eeru goshoo isaa waan tureef Solomoon bikka abbaa ufii mootii ta'u'uuf akka muudame dhagayee garboota ufii gara Solomoonii erge; Solomoon Kiraamitti akkana jedhee dhaamsa erge; «Akka abbaan kiyya Daawiti diintota naannoo isaa jiran maraa woliin wol lola'aa ture ati hin beetta; diintota ufii mooyatu'uuf jedhee mana Woyyuu Rabbii Waaqa ufii akka ijaaruu dadhabe ati hin beetta. Amma Rabbi Waandhi kiyya biyya naannoo kiyya jiru maraa nagaya kenneera; diintonni amma rakkoo na irra geessan hin jiran. Rabbi akkuma abbaa kiyya Daawitiin ‹ilmi kee ka ani bikka kee teessoo mootumma'aa kee irra kaawu maqaa kiyyaaf mana woyyuu naa ijaara› jedhee dubbatetti ani Rabbii Waaqa kiyyaa mana ijaaruu yaada. Amma gosa kiyya keessaa namni akka worra gosa Siidooniititti muka muruu hin dandeenne waan beettuuf ati garboota kee birbirsa libaanosii akka naa muran naa ajaji; garboonni tiyyallee garbootuma tee woliin haa hojjatanii, gatii hojjattoota keetiillee akkuma ati jette maratti isaanii kaffala. Kiraam waan Solomoon jedheen dhagayee guddisee gammadee «Rabbiin banii guddaa kana keessatti ilma ogeessa Daawitii kenne galanni haa gayu!» jedhe. Kanaan maayessa Kiraam Solomooniin «waan ati jettee natti ergite maraa dhagayeera; waan fedha keetiitii fi waan muka birbirsaallee sii godha. Garboonni tiyya muka Libaanoosii fuudhanii gara galaanaa sii fidan; anillee muka san yabalatti feesisee galaana irraan hulee ati jette sii geessee achii fudhatta; atillee nyaata mana kiyyaaf barbaachisu naa kennita» jedhee gara Solomoonii dhaamsa erge. Akkasuma Kiraam haga Solomoon barbaadu muka birbirsaatii fi hindheessa fida'aafii ture. Solomoon Kiraamiif waan nyaata mana isaatiif ta'u qamadii koorii kuma diddamaa, sayitii koorii diddamaa wogga wogga'aan kenna'aafii ture. Rabbi akkuma abdachiise Solomoonii ogummaa kenne; Solomoonii fi Kiraamiin jidduu nageenni waan jiruuf isaan lachuu wolii galtee godhatan. Solomoon banii Israa'elii maraa keessaa worra hujii hunnaa hojjatan file; laakkobsi worra hujii hunnaa hojjatanii namoota kuma soddoma. Isaan irratti nama isaan tooyatu Adooniraamiin muudee inni hojjattoota nama kuma kudhan kudhan godha'aa bakka sadihitti addaan qoodee gareen maruu kore kore'een ji'a tokko Libaanoositti akka hojjatan ji'a lamaa garuu akka mana ufiititti hara baafatan godhee murteesse. Solomoon worra muka baadhatan kuma torbaatamaa fi worra gaaratti dhagaa bocan namoota kuma saddeettamaa qaba ture. Kunniin hojjattoota banii irratti muudame namoota kuma sadihiitii fi dhibba sadihiitiin ala. Mootichi akka dhagaa gugurdaa mimmishaa lafaa qotanii baasanii baqassanii bu'uura manaatiif akka qopheessan ajaje. Akka kanaan ogeeyyiin mana ijaaran ka Kiraamiitii fi ka Solomoonii worri gosa Geebaalii bu'uura mana woyyu'uu buusu'uuf isaanii gawu qopheessan. Worri Israa'elii biyya Misiriitii bayanii woggaa dhibba afurii fi saddeettamaan maayessa Solomoon mooyee woggaa arfeesso'oo ji'a lammeesso'oo ka Ziif jedhamu keessa mana woyyuu Rabbii ijaaruu jalqabe; dheerinni mana woyyuu Rabbii ka Solomoon Rabbii ijaare ciqilee jahaatama; dalgi ciqilee diddama, hojjaan isaa ciqilee soddoma. Mana woyyuu afoo hulee hara itti baafatantu jira; dheerinni baya balbalaa akkuma dalga mana woyyu'uu ciqilee diddama; dalgeen isaa mana woyyuu irraa ka'ee ciqilee kudhan. Gamoon mana woyyu'uu gara keessaatiin badha'a; duubaan foddaa dhidhipha'atu jira. Gamoo mana woyyu'uu dhiyeessee woyyitti'ii fi naannaya woyyittii woyyootaa dachaa godhee keessatti gola ijaare. Badhinni mana jalaa dalgi isaa ciqilee shan; kutaan wodhakka'aa dalgi isaa jaha; kutaan sadeesso'oo garuu dalgi ciqilee torba; gaariin fardaa akka dallawa mana woyyu'uu hin seenne dallawa mana woyyu'uutiin alatti hulee isaan hara itti baafatan qopheesseef. Dhagaan manni woyyuun ittiin ijaarame hulema dhagaa san baasan sanitti bocanii midhaassan; kanaafuu hennaa manni woyyuun ijaaramu laagaan sibiila dhaga'aan baqassanii, ka dhaga'aan bocanii fi laagaan sibiila biraa hin dhagayamu. Balballi kutaa mana jalaa mana woyyuu mirga irraan jira; achiillee gara kutaa wodhakka'aatii gara sadeesso'oo dabarsa. Kanaan maayessa Solomoon mana ijaaree fixee loosaa birbirsaatii fi cufana'aan cufe. Naannaya mana woyyu'uutitti kutaa ciqilee shan shanii muka birbirsaatiin itti maxxansee ijaare. Rabbi Solomooniin akkana jedhe; «Yoo ati seera kiyyaa fi ajaja kiyya eedde, waadaa abbaa kee Daawitii gale sii raawwadha. Mana woyyuu ka ati ijaarte kana keessatti si'ii fi banii kiyya Israa'eliin jidduu jiraadha; sirima isaan irraa hin fagaadhu.» Akka kanaan Solomoon mana woyyuu ijaaree fixe. Ijaarsa mana woyyu'uu gara keessaatiin lafa irraa haga ginnoo manaa cufanaa muka birbirsa Libaanosii irraa hojjatameen ijaare; baqassaan lafatti afame ka muka Libaanosii irraa hojjatame. Kutaa gara keessaa mana woyyittii woyyootaa jedhamu mana woyyuu duuba irraan diqqoo keessa seenee ciqilee diddama ijaaree muka birbirsaatiin golge. Hulee woyyuu ka woyyittii woyyootaa afoo jiru dheerinni isaa ciqilee afurtama. Cufanaan muka birbirsa Libaanosii abaaboo dhooyee hin jirree fi abaaboo dhooyeen bareechisee ture; keessa manaa mana muka Libaanosii irraa cufanaa bocamee hojjatameen waan itti maxxanfameef dhagaan manaan ijaarame hin mudhatu. Saanduuqa waadaa Rabbii keessa kaayu'uuf woyyittii woyyootaa qopheesse. Dheerinni woyyittii woyyootaa ciqilee diddama, dalgi isaallee ciqilee diddama; hojjaan isaallee ciqilee diddama; woyyittiin woyyootaa sun ta worqii mishaa itti uwwise. Hulee woyyittii woyyootaa afoo hulee ciinca'aa muka birbirsaa irraa hojjatee worqii misha'aan dibe. Solomoon mana woyyuu keessa worqii dibee hulee ciinca'aa ka hulee woyyittii woyyootaa afoo jirullee worqii dibe. Hulee woyyittii woyyootaatii fi Kiruubeelii lamaa ka ciqilee kudhanii hojjate. Koolli Kiruubii tokkoo ciqilee shan; koolli Kiruubii lammeesso'oollee ciqilee shan; dheerinni qaccee koola Kiruubii duraatii jalqabee haga qaccee koola Kiruubii lammeesso'oo ciqilee kudhan. Kiruubiin lammeesso'oo ciqilee kudhan; bony'i Kiruubii duraatii fi ka lammeesso'oo wol fakkaata. Hojjaan Kiruubii tokkoo ciqilee kudhan; ka lammeesso'oollee ciqilee kudhan. Kiruubeelii lachuu mana keessa kaaye; koolli Kiruubeelii lamaaniituu badhatee koolli Kiruubii tokkoo gama tokkoon ijaarsa manaa tuqa; koolli Kiruubii lammeesso'oollee diriiree gama kaaniin ijaarsa manaa tuqa; koolli lamaaniituu mana keessatti wol tuqa. Kiruubeelii lachuu worqii itti maxxanse. Mana keessaaf waan fakii abaabo'ootiif muka meexxi'ii irratti kaase. Lafa mana keessaatii fi ka alaa worqii itti maxxanse. Balbala seensa woyyittii woyyootaa ejersa irraa hojjatee kortoo, qasatoo, ginnoo roga shaniin hojjate. Balbala lamaanuu muka ejersaa irraa hojjate, Kiruubeelii fi muka meexxi'ii fakii abaaboo dhooyee isaan irratti kaasee worqii itti maxxanse. Akkasuma balbala seensaa qasatoo roga afurii ka muka ejersaa irraa hojjatame itti godhe. Balbala lamaanuu muka hindheessaa irraa hojjate; balballi tokko cufanaa tokkocha ka gara lachiinuu banamu itti godhe; balbala lammeesso'oollee akkasuma godhe; Isaan irratti Kiruubeelii fi fakii muka meexxi'ii, abaaboo dhooyee irratti kaasee worqii itti maxxanse. Mana woyyuu afo'otti hulee itti gad bayan takka hojjate. Manni woyyuun Rabbii woggaa arfeesso'oo ji'a Ziif jedhamu keessatti ijaarame. Solomoon mooyee woggaa kudha tokkeesso'oo ji'a saddeetesso'oo ka Buul jedhamu keessa manni woyyuun Rabbii akkuma karoorfametti woggaa torbatti ijaaramee dhumate. Solomoon mana mootummaa ufii woggaa kudha sadihitti ijaaree fixe. Galmi mana, «Muka Libaanosii» jedhamee waamamu ka dheerinni isaa ciqilee dhibbaa; badhinni ciqilee shantamaa, hojjaa isaallee ciqilee soddoma godhe; munni birbirsaa utubaa roga sadihiin hojjatame irra dhaabatee ture; utubaa irra muka birbirsaatitu konkolaataa fardaa irra dalga taa'ee ture; Munni dalgaa ka utubaa irra jiru ka cufanaa birbirsaatiin uwwifamee ture; utubaan gama tokkoon ciqilee kudha shan, gama tokkoon ciqilee kudha shan tartiibaan ta'ee afurtamii shanii ijaaramee ture. Foddaan tartiiba sadihiin jira; foddaawwan kunniin wol laalan. Balballinii fi foddaan maruu qasatoo roga afurii qaba; foddaan gara sadiiniituu wol laala. «Mana utubaa baay'ee qabu ka ciqilee shantama, badhinni ciqilee soddomaa galma afoo madabii irra dhaabatan ka utubaa qabu hojjate. Solomoon dhaddacha murti'ii ka jala taa'ee murtii kennu lafaa haga ginno'oo muka birbirsaatiin ijaare. Galma dhaddacha murti'ii duubaan raasaa jirutti gamoo ufii keessa jiraatu akkuma gamoo kaawwaniititti hujjisiise; haadha manaa ufii mucattii mooticha biyya Misirii ta Fari'ooniitiifillee manuma kana fakkaatu ijaareef. Gamoo kanniin maraa bu'uura irraa jalqabee haga bakka itti dhumatuu duraa duubaan dhagaa bocamee bareedeen ijaarame. Diidaanillee haga hulee itti bayanii akkasuma ture. Bu'uurri manaa ka hojjatameen dhagaa hulee dhagaa itti baqassanitti qophaaye dhagaa gugurda'aan ijaarame; dheerinni dhagaa bocamee ka tokkochaa ciqilee kudhan yookaan ciqilee saddeetiin dhagaa misha'aa fi gugurda'aan ijaaramee ture. Dhagaa gugurdaa kanniin irra dhagaa bocamee wol qixxaayee fi cufanaa muka birbirsaatiin ijaarame. Balbalti gara gad itti bayanii, ka mana mootumma'aa hulee itti bayan ka mana woyyu'uu ka keessaatii fi balballi gara mana woyyuu seenaniin dhagaa korto'oo tartiiba sadihii dhagaa bocameen hojjatamee ture. Mootichi Solomoon Kiraamitti nama ergee qachaa Xiroosiitii waamsise; inni ilma intala gosa Niftaalemii abbaa manaa hin qabneeti; abbaan isaa nama qachaa Xiroosii ka sibiila bassu; akka hujii sibiilaa hojjatuuf ogumma'aa fi mala qaba; akkuma Solomoon waameen dhufee hujii sibiila diima'aa maraa hojjate. Kiraam utubaa lamaa sibiila diimaa irraa hojjate; hojjaan utubaa tokkoo ciqilee kudha saddeeti; furdinni isaa ciqilee kudha lama; badhinni isaa taakkuu afur; utubaan lammeesso'oollee akkasuma ture. Ginnoo utubaa sanniinitti godhan sibiila diimaa irraa; hojjaan ginnoo tokkoo ciqilee shan hojjaan ginnoo lammeesso'oollee ciqilee shan. Ginnoo utubaa irra jiran bareechisu'uuf tartiiba lamaan gingilchaa itti hojjate; gingilchaa tokko ginnoo tokkoof, gingilchaa lammeesso'oo ginnoo lammeesso'ootiif hojjate. Ginnoo hojjatame lamaan bareechisu'uuf abaaboo Roomaani'ii gara lamaan itti hojjate; ginnoo maraafuu akkasuma godhe; naannaya ginnoo tokkoo abaaboo Roomaanii dhibba lamatu jira; ginnoo maraatuu akkasuma godhe. Ginnoon utuba'aa ka balbala itti bayanii waan akka abaaboo suufii fakkaatuu haga ciqilee kudha afurii irratti kaase. Ginnoo utubaa lamaanii irratti gingilchaa jalatti abaaboo Roomani'ii hojjate. Utubaa lamaanuu balbala mana woyyu'uu afoo dhaabee, utubaa gara kibbaatiin, «Yaakiin» jedhee maqaa itti baase; utubaa gara kaabaa dhaabellee «Bo'eez» jedhee maqaa itti moggaase. Mataa utuba'aa irra ginnoo abaaboo suufi'iitiin hojjatamee ijaaramee dhumate. Kiraam gongaa korbobbo'oo ka hojjaan isaa ciqilee shanii qacce'ee haga qacce'ee ciqilee kudhanii fi naannaya isaa ciqilee soddomaa ijaare. Afaan gonga'aa duuba irraan wol fakkaataa ta'ee roga buqqe'ee ka sibiila diimaa irraa hojjatame; inni roga tartiiba lamaan kakkaayame qaba. Gongaan sun fakii sangoota kudha lamaa ka sibiila diimaa irraa hojjatame irra taa'eera; isaan keessaa sadiin gara kaabaa, sadiin gara dhiyaa, sadiin gara kibbaa, sadiin garuu gara baya biiftu'uu laala; gongaan kunniin fakii sangoota kanniiniititu irra jira; duddi garuu gara keessaa aana. Furdinni ladda gonga'aa taakkuu tokko; badhinni afaan isaa abaaboo suufii fakkaatuun hojjatame; gongaan kun bisaan haga liitirii kuma afurtamaa qabata. Kiraam teessoo kudhanii ka dheerinni teessoo tokkoo ciqilee afurii, dalgi ciqilee afurii fi hojjaan isaa ka ciqilee sadihii sibiila irraa hojjate. Sibiila badhaa midhaassanii jidduu kaayan. Sibiila boca gara garaatiin hojjatame ka ginnoo manaa jala galu fakii leencaa, ka sangootaatii fi ka Kiruubeeliititu jira; fakii Leencotaatii fi sangootaa jala fakii abaaboo ka dhaddoo wolitti dhayame fakkaatutu jira. Teessoo isaa irra waan lafa irra konkolaatu afur qaban; kunniin waan isa lafa irra gangalachiisu qaba; akkasuma roga arfaniinuu waan gabatee irratti dhiqatan irkisutu jira; ka irkisu sunillee akka bifa abaaboo tuuchamee hidhameetitti bareechifameera. Mormi gongaa harka irratti dhiqatanii dheerinni isaa ciqilee tokko; mormi isaa akka korbobbo'ooti; hojjaan isaa ciqilee tokkoo fi wodhakka'a; morma isaa irra waan qiinxamee bareede qaba; gongaan irra taa'u roga afur qaba malee korbobbo'oo miti. Korbobboon lafa irra gangalatu arfanuu waan meeshaa irra kaayan jala jira; sibiilli korbobboo san akka gangalatu godhu teessoo hojjatameen wol fakkeeffamee ka hojjatame; hojjaan korbobboo gangalatuu ciqilee tokkoo fi wodhakka'a. Karrisaanillee karrisaa gaarii fardaa fakkaata; wonti isaan wolitti qabsiifameerullee ka sibiila baffame irraa hojjatame. Teessoo maraa irrattuu roga arfaniinuu waan itti irkatan afur qaba; wonti itti irkatan sunillee wolitti maxxanfamee hojjatameera. Teessoo sanniin irra waan korbobboo fakkaatu ka haga taakkuu tokkootitu jira; teessoon sunillee waan qabatanii fi itti irkatan qaba. Hulee teesso'oo ka harkaan qabatanii fi qaccee isaa irra leencota, Kiruubeelii fi muka meexxi'ii irratti kaasee naannoo isaatitti abaaboo wolitti hidhame itti godhe. Teessoo kudhanii ka biftinii fi ka hanni isaa wol qixxaayu hojjate. Kiraam waan meeshaa irra kaayan kudhanii fi gongaa itti dhiqatan hojjate wodhakkaa naannaya gonga'aa ciqilee afur; bisaan liitirii dhibba saddeetii qabata. Kiraam teessoo shanii manaan gara kibbaa gara baya biiftu'uutiin, teessoo shanii gara kaabaatiin; gongaa garuu mana woyyu'uu gara kibbaa gara baya biiftu'uutiin Aazeebiin ladda kaaye. Kiraam waan ibidda ittiin qabsiisan, kereewwan baay'ee hojjate; akka kanaan Kiraam waan mana woyyu'uu ka Solomoon jedheen hojjatee fixe. Utubaa lamaa ginnoo gingilcha'aa lama, waan ginnoo bareechisu, sibiila akka gingilcha'aatitti dhayaman lama, sibiila akka gingilcha'aatitti dhayame midhaassu'uuf waan akka abaaboo Roomaani'ii dhibba afur hojjate. Teessoo kurnan, gabatee irratti dhiqatan kudhan, gongaa bisaanii tokko, fakiiwwan sangoota kudha lamaa ka gongaa irkisee qabu, keree waan qabsiisanii fi keree baay'ee hojjate. Kiraam mana woyyuu Rabbii ka Solomoonii sibiila qulqullu'uun ijaare. Huleen mootichi Solomoon waan kanniin maraa itti hojjachiise dhooqa Yoordaanosii, Suukootii fi Tsartaa jidduu jiru ka bakka sibiila itti bassanitti. Solomoon meeshaan manaa waan baay'ateef uduu hin bikkine kaaye; kanaafuu ulfaatinni isaa hagam akka ta'e hin beekkamu. Meeshaan Solomoon mana woyyuu Rabbiitiif hojjachiise hulee ciinca'aa ka worqi'iin hojjatame, gabataa worqii irraa hojjatame ka xoroshoo irratti dhiyeessan, Baattuu ibsa'aa ka hulee woyyittii woyyootaa afoo taa'an, gara kibbaatii shan, gara kaabaatiinillee shan ka worqii irraa hojjatame, abaaboo worqi'iitii fi baattuu ibsa'aa, meeshaa ibidda ittiin qabsiisan, qadhaba'aa fi xuwwee worqii irraa hojjataman, kere'ee fi mooqqaa, gaabsee, cufanaa mana woyyu'uu fi ta hulee woyyittii woyyootaallee worqii misha'aan hojjachiise. Mootichi Solomoon mana woyyuu ijaaree haga fixeen maayessa birrii, worqi'ii fi meeshaa biraallee ka abbaan isaa Daawiti hujii mana woyyuu Rabbiitiif fooyee mana meesha'aa ka mana woyyu'uu keessa kaaye. Kanaan maayessa mootichi Solomoon saanduuqa waadaa Rabbii Tsiyoonii qachaa Daawitii keessaa haa baasani'iif manguddoota Israa'eliitii fi worra gosa bulchan, abboota murti'ii ka abboota ijoollee Israa'elii bulchan mootichi Solomoon hulee ufii jiru Yerusaalemitti wolitti isaan qabe; Worri Israa'elii ji'a torbeesso'oo ayyaana daase'ee ka Itaaniim jedhamutti Solomooniin biratti wol gayan. Manguddoonni Israa'eliillee maruu dhufanii, worri gadootaa saanduuqa waadaa Rabbii fuudhanii, gara mana woyyu'uu seensisan; worri gadootaatii fi worri Leewwotaa saanduuqa waadaa Rabbii, daasee wol gayi'iitii fi meeshaa qulqulluu ka daasee keessa jiru gara mana woyyu'uu fidan. Mootichi Solomoonii fi baniin Israa'elii ka isa biratti wol gayan sangootaa fi hoolota laakkobsaa ol ta'an ciincaa godha'aa turan. Achiin maayessa gadoonni saanduuqa waadaa Rabbii fuudhanii gara mana woyyu'uu seensisanii hulee woyyittii woyyootaa koola Kiruubeelii jala kaayan. Kiruubeel hulee saanduundhi waada'aa jirutti koola ufii badhisanii saanduuqa waadaa Rabbiitii fi koola gubba'aan koolli Kiruubeelii golgee ture. Loosaan dhedheeraa waan ta'eef nama hulee woyyittii woyyootaa dhaabatu maratti mudhata; namni gara biraatiin jiru hin argu; haga adhaa hulema san jira. Akkuma baniin Israa'elii biyya Misiriitii bayeen hennaa Rabbi isaan woliin waadaa gale, dhagaa baxxicha lamaan ka seerri Rabbii irratti barreeffame ka Muuseen keessa kaaye malee womaa uf keessaa hin qabu ture. Akkuma gadoonni mana woyyuu keessaa bayaniin duumessi mana woyyuu Rabbii keessa guute. Ulfinni Rabbii waan mana woyyuu keessa guuteef gadoonni sababaa duumessi mana keessa guuteef seenanii tajaajiluu hin dandeenne. Hennaa san Solomoon akkana jedhee Rabbiin kadhate, «Rabbii Waaqa kiyya! Ati duumessa dukkanaayaa keessa jiraadha jetteerta. Kunoo mana woyyuu kee ka gaachena qabu sii ijaareera; Innillee hulee ati baraa haga bara baraa keessa jiraattu ta'a.» Uduu baniin Israa'elii achi dhaabata'aaran Solomoon fuulaan gara isaanii gara galee isaan eebbise. Rabbiin guyyaa banii kiyya Israa'eliin biyya Misirii keessaa baasee jalqabee maqaan kiyya akka achitti waamamuuf mana akka naa ijaaraniif qachaa Israa'elii keessaa qachaa takkallee hin filanne; amma garuu akka maqaan kiyya isii keessatti waamamuuf Yerusaalemiin filadheera, ‹akka mooyee banii kiyya Israa'eliin bulchuuf Daawitiin filadheera jedhee ka abbaa kiyya Daawititti himee raawwate Rabbii Waaqa Israa'elii galanni haa gawu»› jedhe. Abbaan kiyya Daawiti, «Maqaa Rabbii Waaqa Israa'eliitiif mana ijaaru'uuf yaade. Rabbi abbaa kiyya Daawitiin maqaa kiyyaaf mana naa ijaaru'uuf waan yaaddeef, waan kana yaaduu keetiin waan mishaa goote. Garuu ilma kee ka gudeeda keetii bawutu maqaa kiyyaaf mana ijaara malee ati mana naa hin ijaartu.» jedheen. «Rabbillee waan dubbate hin raawwate; akkuma abdii abbaa kiyyaa inni kenne bikka abbaa kiyya Daawitii teessoo mootummaa Israa'elii irra taa'ee maqaa Rabbii Waaqa Israa'eliitiin mana ijaare. Hennaa Rabbi biyya Misiriitii isaan baase, hulee saanduundhi Rabbii ka Rabbi abboota teenna woliin waadaa gale, dhagaan baxxichi ka seerri Rabbii irratti barreeffameeru taa'u mana woyyuu keessatti qopheesseera.» Achiin maayessa uduma baniin Israa'elii maruu argu Solomoon hulee ciinca'aa afoo dhaabatee harka ufii gara sami'ii badhisee, «Yaa Waaqa Israa'elii samii gubba'aa fi lafa irrattillee Waandhi si fakkaatu hin jiru; garboota tee ta yaada guutu'uun si afoo jiraataniif waada'aaf araara kee isaanii eedda. Abdii abbaa kiyya Daawitii garbicha keetii kennite, afaan keetiin dubbattee akkanaan adha harka isaatitti raawwatte. Ati amma yaa Waaqa Israa'elii akkuma afoo kiyya deemte ijoolleen tee yoo uf eegan nama mootummaa Israa'elii irratti mootii ta'u si hin dhabsiisu jettee abbaa kiyya Daawitii galte waadaa san eegi. Ammallee Waaqa Israa'elii yabo'oo waadaa garbicha kee abbaa kiyya Daawitii galte raawwadhu. «Dhugama amma Rabbi nama woliin lafa irra jiraataa? kunoo Si'i samiin, samiin samii gubba'aa si baadhachuu hin danda'u, kanaafuu manni ani ijaare kun attamitti diqqo'o! Garuu Waaqa kiyya gara kadhaa kiyya ka garbicha keetii laali; kadha'aa fi waamicha amma garbichi kee si kadhatu dhagayi. Kadhaa garbichi kee amma si kadhata'aaru hulee maqaan kiyya itti waamama jettu sanitti ijji tee halkanii guyyaa gara mana woyyuu kanaa haa laaltu. Kadhaa anii fi baniin kee Israa'el si kadhannu sami'ittillee nuu dhagayi; nuu dhiisi. «Namni tokko goshoo ufii yakkee himannaan yoo itti dhiyaatee, hin yakkine jedhee hulee ciinca'aa kee biratti kakate, sami'itti dhagayii garboota teetii murtii kenni; nama yakketti murteessi; ka yakka hin qabne gad dhiisi. Baniin kee Israa'el si yakkanii yoo diintonni isaanii isaan dhaanan, gaabbanii gara kee deebi'anii yoo maqaa kee kabajjan, mana kana keessatti yoo si kadhatanii faateffatan ati sami'itti isaanii dhagayii cubbuu isaanii isaanii dhiisi; gara lafa abboota isaaniitii kennitee isaan dachaasi. «Baniin si yakkee sababaa yakka isaaniitiif yoo rooba roobsuu baattee isaan adabde, yoo isaan yakka hojjataniif gaabbanii mana kana dhufanii gara laafumma'aan, yoo si kadhatan ati sami'itti kadhaa isaanii dhagayi; cubbuu garboota kee ka banii Israa'elii dhiisi; waan qajeelaa ta'e akka hojjatan isaan barsiisi; asiin maayessa yaa Rabbi biyya banii kee Israa'elii kennite kana keessatti baraa haga bara baraa rooba nuu roobsi. «Hennaa biyya keessatti beellinii fi balaan lafa irratti ta'e, akkasuma qorra, waagi'ii fi awwaannisaa fi korophiisaan hennaa badu yookaan hennaa diintonni isaan miidhan yookaan hennaa banii dhibe'ee fi dhukkubni adda addaa irra gaye, Kadhaa isaanii isaanii dhagayi hennaa banii kee Israa'eliin keessa wonti naasu'uuf gaddi hamaan yoo isaan irra gaye, yoo isaan harka ufii gara mana woyyuu kanaa qabanii kadhatan, kadhaa isaanii dhagayi; bara lafa ati abboota teennaa kennite keessa jiraatan maraa keessatti akka si sodaatan samii hulee jireenna keetiitii kadhaa isaanii dhagayi; yakka isaanii isaanii dhiisi; isaan gargaarille'e. Waan qalbii namaatii fi garaa namaa keessa jiru ka beeku sima calla'a; kanaafuu nama maraafuu akkuma hujii isaatiin gatii isaa kenni. Ati kadhaa isaanii dhagayi; akka ormi maruu maqaa kee beekan, akkuma baniin kee Israa'el si sodaatan isaanillee akka si sodaatan, mana ani ijaare kana keessatti maqaan kee akka waamamu akka beekan waan keessummoonni si kadhatan dhagayiif. «Baniin kee diintota ufiitiin lolu'uuf karaa ati isaan ergiteen yoo bayan, qachaa ati filatteef mana ani sii ijaare kana keessatti yoo si kadhatan, kadha'aa fi faatee isaanii dhagayii murteessi. «Namni hin yakkine waan hin jirreef yoo si yakkan ati isaanitti dheekkamtee diintota isaaniitiif dabarsitee isaan kennite, diintonni isaanii ka dhiyoo jiruu fi ka fagoo jiru yoo isaan booji'e, biyya booji'aman keessa taa'anii yoo aagii galan, yoo biyya booji'aman san keessatti ‹nu cubbuu hojjanneerra, si yakkineerra, waan hamaallee hojjanneerra› jedhanii si kadhatan, biyya diintota ufii ka isaan booji'ee keessa taa'anii garaa guutu'uun yoo gara kee deebi'an, qachaa ati filatte, gara mana woyyuu ani sii ijaareetii fi biyya abboota isaaniitii kennitee yoo si kadhatan, kadhaa isaaniitii fi faatee isaanii sami'itti isaanii dhagayii murteessi. Baniin kee si yakkee waan hamaa yoo si afo'otti hojjate isaanii dhiisi; worra isaan booji'e afo'ottillee garaa isaanii laaffisi. Baniin kun banii kee ka ati biyya Misirii ka akka ibidda dhagaa bobawuu keessaa baafte waan ta'aniif. Hennaa ani garbichi keetii fi isaan si kadhatan maraa gara kadhaa banii Israa'elii ka garboota keetii ijji tee haa laaltu. Rabbi Gooftaa kiyya! hennaa abboota keenna biyya Misiriitii baafte akkuma garbicha kee Muusee irraan dubbate akka qabeenna kee ta'an orma biyya maraa keessaa isaan footeerta.» jedhee kadhate. Solomoon hennaa faate'ee fi kadhaa kana maraa haga raawwateen maayessa jilbiiffatee harka ufii badhisee kadhata'aa waan tureef hulee ciinca'aatii ol ka'e. Laagaa ufii ol qabatee banii Israa'elii akkana jedhee eebbise; «Rabbiin akkuma dubbate banii Israa'eliitii hara baafannaa kenne galanni haa gawu, abdiin karaa garbicha isaa Muuse'eetiin bani'ii kenne tokkollee hin hafne; maruu hin raawwatame. Rabbi Waandhi keenna akkuma abboota keenna woliin jiraate nu woliinillee haa jiraatu; inni nu hin gatu nu hin dhiisu. Seeraa fi ajaja abboota teenna ta duraatii kenne eegu'uu fi akka fedha isaa jiraachuu akka dandeennu, worra isaa ajajaman nu haa taasisu. Feeti kiyya ka garbicha Rabbiitii fi wonti hennaa maraa isaan barbaachisu akka isaanii guutu, kadhaan ani halkanii fi guyyaa kadhadhu Rabbiin bira haa gawu. Baniin ormaa maruu Rabbi akka Waaqa ta'e, isaan ala Waandhi biraa akka hin jirre akka beekan, Akkuma adhaa akka fedha isaa akka jiraattan, ajaja isaallee akka eeddan garaan keessan Rabbii Waaqa keessan afo'otti qulqulluu haa ta'u.» Kanaan maayessa mootichinii fi baniin Israa'elii maruu Rabbiif ciincaa ciincessan. Solomoon ciincaa fayyumma'aaf dhiyaatu Rabbiif sangoota kuma diddamii lamaatii fi hoolota kuma dhibba tokkoo fi diddama dhiyeesse; akka kanaan mootichinii fi baniin Israa'elii maruu mana woyyuu Rabbii woyyoomsan. Akkuma kana guyyaa san hulee jiddu'uu ka balbala mana woyyu'uu afoo jiru Rabbii fooye kanatti aansee ciincaa gubamu, ciincaa midhaaniitii fi ciincaa fayyumma'aa cooma hori'ii mara Rabbii dhiyeesse; sababaan waan kana godheef huleen ciinca'aa ka sibiila irraa hojjatame kana maraa waan baadhachuu hin dandeenneef. Bara san keessa Solomoonii fi baniin Israa'elii ka isa woliin jiru maruu baniin guddaan biyya Haamaatiitii jalqabee haga galaana biyya Misiriititti guyyaa torbaa Rabbii Waaqa keenna afo'otti ayyaanteffatan. Guyyaa saddeetesso'ootitti banii geegesse; isaanillee mooticha eebbisan; waan Rabbi garbicha ufii Daawitii fi banii ufii Israa'elii godhe maraaf garaa ufii keessatti gammadanii gara qe'ee ufii galan. Mootichi Solomoon mana woyyuu, mana mootumma'aatii fi waan hojjachuu barbaade haga hojjatee raawwateen maayessa, Rabbi akkuma armaan dura Gabaa'oonitti mudhate ammallee deebi'ee itti mudhate. Rabbi Solomooniin, «Kadhaa ati na kadhattee fi faatee keellee dhagayeera; maqaan kiyya baraa haga bara baraa akka achitti waamamuuf mana ati ijaarte kana qulqulleesseera; ijji tiyyaa fi yaanni kiyya hennaa maraa achuma ta'a» jedheen. Akkuma abbaan kee Daawiti yaada qajeela'aa fi garaa qajeela'aan jiraate, waan ani si ajaje maraa gootee seeraa fi murtii ani murteesse yoo eedde, akkuma ani abbaa kee Daawitiin ‹fiixaa tee keessaa nama Israa'eliin bulchu hin dhabdu› jedhee dubbadhe teessoo mootummaa keetii baraa haga bara baraa jabeessee dhaaba. Isinii fi ijoolleen teessan garuu ana faanaa deemuu dhiiftanii yoo ajajaa fi seera ani isinii kenne eeguu baattan deemtanii yoo waaqolee tolfamaa biraa waaqeffata'aa isaanii sagaddan, banii Israa'elii lafa isaanii kenne keessaa isaan balleessa, mana woyyuu maqaa kiyyaaf woyyoomsellee afoo kiyyaa diiga, worri Israa'elii orma maraa keessatti salphatanii banii mammaakaa ta'an. Manni guddaan kun diiggamee tuulama; namni karaa san irra lufu maruu rifatanii ‹Rabbi biyya kanaa fi mana kana maaf akkana godhe?› jedha'aa maalalfatan. Wonti isaan jedhanillee ‹Rabbii Waaqa isaanii ka abboota isaanii biyya Misiriitii baase dhiisanii waaqa tolfamaa biraa duukaa deema'aa sagada'aafii waan waaqeffataniif Rabbi waan hamaa kana isaanitti fide› » jedhan. Solomoon mana woyyu'uu fi mana mootumma'aa woggaa diddamaa ijaaree haga fixeen maayessa, qachoota diddamaa ta biyya Galiila'aa jirtu Kiraamii kenne. Mootichi biyya Xiroosii Kiraam muka birbirsaatii fi muka hindheessaa, worqii haga Solomoon barbaadu kenneefii ture. Kiraam qachoota Solomoon isaa kenne laalu'uuf yoo dhaqu qachoonni sunniin isatti hin tolle. Innillee, «Obboleessa kiyya qachoonni ati naa kennite kunniin maali'i?» jedhe; qachoonni kunniin haga adhaa biyya Kabuulii jedhamanii waamaman. Kiraam worqii kiilogiraama dhibbaa fi diddama mootichaa erge. Solomoon akka mana Rabbiitii fi mana isaa Miilooniin, dallawa Yerusaalemii Axooriin, Magidoonii fi Geeriin ijaaran worra hujii hunnaa hojjatan filate. Armaan dura mootiin biyya Misirii biyya Geezeerii irratti balaa buusee worra Kana'aanii ka isii keessa jiran ajjeesee, qachattiillee gubee uf jalatti deebisee ture; achiin maayessa mucattii ufii Solomoonitti heerumsiisee qachaa Geezeerii jalkaaya godhee kenneef. Solomoon hennaa lammeesso'ootiif Geezeerii fi Hooriin ijaare. Qachoota lafa gammoojji'ii ka Yihuudaa keessaatii fi Ba'aalaatiinillee hin ijaare. Solomoon qachoota dhalee wolitti qabataniif farado'oo fi farda gaari'ii itti tissan ijaare; Yerusaalemii naannaya Libaanosii fi naannaya bulchiinsa ufii marattuu ijaare. Worra banii Israa'elii hin taane worra Amoorotaatii fi worra gosa Keexotaa, worra gosa Feerzotaa, worra gosa Eewwotaatii fi worra gosa Iyyaabusootaa ka hafan, worra ijoolleen Israa'elii fixuu hin dandeennee fi ijoollee isaanii ka hafan Solomoon akka hujii hunnaa hojjataniif adda baasee worra hujii hunnaa hojjatan taasise. Solomoon ijoollee Israa'elii keessaa nama tokkollee garbicha hin goone; isaan worra baallii qaban, loltoota bulchoota ajajaa loltootaa, worra gaarii fardaa oofan maraafuu worra ajaju ta'anii hojjata'aa turan. Bulchoonni hujii Solomoonii irratti nama hujjisiisan namoota dhibba shanii fi shantama. Haati manaa isaa intalti mootii biyya Misirii qachaa Daawitii keessaa gara mootummaa ufii haga deebiteen maayessa Solomoon hulee dhooqaa fi goodda qabu ta qachaa saniitiin gara baya biiftu'uutitti argamu akka guutanii wol qixxeessanii hojjatan taasise. Solomoon woggaa keessa harka sadihii ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa hulee ciinca'aa irratti Rabbii dhiyeessa'aa hulee ciinca'aa ka Rabbiin afoo jiru irratti hixaana aarsa'aa akkaataa kanaan manni woyyuun ijaaramee dhumate. Mootichi Solomoon lafa biyya Edoomiyaasii qaccee galaana diima'aa Eetsiyoongaabirii cinaa Eelootii jirtutti markaba baay'ee hojjate. Mootichi Kiraam markaboota kanaan garboota Solomoonii ka waan markabaa beekan garboota ufii erge. Isaanillee markabaan deemanii haga biyya Oofirii gayaniin maayessa worqii kiiloo giraama dhibba afurii fi diddamaa achii fuudhanii Solomoonii fidan. Mootittiin biyya Sheeba'aa akka Solomoon gurra dhagayate haga dhageette isa qoru'uuf gara Yerusaalemii dhaxxe. Namoota kabajjamtoota isii woliin deeman qabattee urgooftuu, worqii filatamaa, mi'a gatii gudda'aa gaala heddutti feetee waan hedduu qabattee gara Yerusaalemii dhaxxee isa bira seentee waan garaa ufii maraa isatti himte. Solomoon waan isiin isa gaafatte maraa hin hiikeef; wonti inni hiikuu dadhabee isa jalaa dhokate tokkollee hin jiru ture. Mootittiin biyya Sheeba'aa beekkumsa Solomoonii, mana inni ijaare, nyaata isaa dhiyaatu, akkaataa ijoolleen isaa itti teettu, akkaataa hojjattonni isaa itti hojjatanii fi itti uffatan, worra daadhii buusuu fi ciincaa inni mana woyyuu keessatti Rabbii dhiyeessu haga argite wonti argite maruu haga dhageettee ol itti ta'e. Isiin mootichaan, «Ani gurra kee ka waan ogummaa keetii ka uduu biyya kiyya jiru dhagaye dhuga'a. Ani haga ija kiyyaan argutti hin amanne; worri waan kee natti hime wodhakkama waan kanaallee natti hin himne; hujiin keetii fi ogummaan kee ka waan kee dhagaye caala. Namoonni hennaa maraa si afoo dhaabatanii ogummaa kee si irraa dhagayanii fi garboonni kee kunniin worra atta eebbifame. Rabbi Waandhi Israa'elii ka si jaalatee teessoo mootummaa Israa'elii irra si kaaye haa eebbifamu; Rabbi Israa'eliin baraa haga bara baraa waan jaalateef akka murtii qajeelaa murteessituuf isaan irratti mootii si taasise» jetteen. Isiin mootichaa kennaa worqi'ii kiiloo giraama dhibbaa fi diddamaa, urgooftuu hedduutii fi mi'a kabajja'aa ka gatii gudda'aa kenniteef; urgooftuun akka mootittiin biyya Sheeba'aa mooticha Solomoonii kennitee namni akka isi'ii guddisee isaa fide hin jiru. Worri markaba oofan ka Kiraamii biyya Oofiriitii muka sandalaa hedduu fi mi'a gatii gudda'aa Oofirii fidan. Solomoon mukuma sandalaa kana irraa woggaa mana ufiitii fi mana woyyuu meeshaa worri faarfattootaa ka isaan ittiin weeddisan, masiinqo'oo fi meeshaa sagalee dhageessisu hojjate; munni sandalaa kun muka sandalaa ka gara biyya Israa'elii dhufe caala; achiin maayessa munni sandalaa kana fakkaatu sirimaa hin argamne. Mootichi Solomoon waan mootittii biyya Sheeba'aa kenneen alatti waan isiin kadhatte ka biraallee hin kenneef; isiinillee namoota kabajjaman ka isii woliin jiran woliin kaatee deemte. Mootichi Solomoon wontee gugurdaa dhibba lama hujjisiisee wontee marattuu worqii haga kiiloo torbaa itti maxxanse. Akkuma kana wontee didiqqaa dhibba sadihii hojjachiisee worqii haga kiiloo lamaa itti maxxanse; kanniin maraa hulee «galma bosona Libaanosii» jedhamee waamamu keessa kaaye. Mootichi ilkaan Arbaatiin teessoo guddaa tokko hojjachiisee worqii qulqulluu itti maxxanse; kortoon gara teesso'ootitti ol bayaniin sadarkaa jaha qaba; duubni teesso'oo akka korbobbo'oo marama'a; teessoon bita'aa fi mirgaan hulee itti ciqilfatan qaban; ladda hulee itti ciqilfataniitiin fakiin leencaa tokko tokko dhaabamee ture. Sadarkaa maraa irra karaa lamaan fakiin leencaa tokko tokko wolumaagalatti fakii leencaa kudha lamatu dhaabameera; teessoon mootumma'aa ka akkanaa kun biyya biraa keessatti eessattillee hojjatamee hin jiru. Meeshaan mootichi Solomoon itti dhugu maruu worqii irraa hojjatame; meeshaan bosona Libaanosii keessa jiru maruu worqii irraa hojjatame malee birrii irraa hin hojjatamne; bara mooticha Solomoonii birriin gatii hin qabu ture; Solomoon markaba Kiraamii woliin ka garba irra deeman markabni hedduu biraa ka biyya Tarseesiillee hin jiran; isaan woggaa sadihi sadihiin worqii, birrii, ilkaan Arbaa, Qamale'ee fi Jaldeessa isaa fidan. Mootichi Solomoon durumma'aa fi ogumma'aan mootota biyya maraa caale. Namoonni adunyaa irra jiran maruu ogummaa Rabbi Solomoonii kenne isa irraa dhagawu'uuf hawwa'aa turan. Namoonni gara isaa dhufan maruu birrii, worqii'i, uffata, meeshaa lolaatii fi urgooftuu farado'oo fi gaangee heddutti fe'anii isaa fida'aa turan; waan kana maraa wogga wogga'aan godhaniif. Solomoon gaarii fardaatii fi worra farda yaabbatan wolitti qabe; gaariin fardaa kuma tokkoo fi dhibba afur; worra farda yaabbatan kuma kudha lama qaba; kanniin maraa garii uf bira Yerusaalemiin, garii qachaa adda addaa keessa faca'anii akka jiraatan isaan godhe; birriin Yerusaalemiin keessatti akka dhaga'aa baay'ate; baay'inni muka birbirsaallee akkuma qilxuu lafa gammoojji'iititti biqiluu ta'e, Solomoon faradoo biyya Misiriitii fi biyya Qawwe'eetii fijjisiise; daldaltoonni mootichaa birri'iin bita'aa biyya Qawwe'eetii fida'aa turan. Gaarii fardaa tokko birrii dhibba jahaan farda tokko garuu qarshii dhibbaa fi shantamaan biyya Misiriitii bitan; akkasuma worra Keexotaatii fi mootota biyya Sooriya'aa maraafillee hin gurguran isaanittillee gurgura'aa turan. Solomoon mucattii Fari'oonii ta fuudheen ala dubartoota gosa Moo'aabii, gosa Amoonii, gosa Edoomii, gosa Sidooniitii fi dubartoota gosa Keexotaa guddisee jaalate. Rabbi worra Israa'eliitiin armaan dura «Waaqa isaanii hin waaqeffatinaa'a, waan isaan onnee keessan akka Waaqa isaanii waaqeffattan taasisaniif isaan irraa hin fuudhinaa'a; isinillee isaanitti hin heerumsiisinaa'a» isaaniin jedhe; Solomoon garuu jaalalaan isaanitti siiqe. Inni haawwota manaa dhibba torbaa fi ta mata gala itti galu dhibba sadihi qaba; isaan akka Solomoon Rabbiin irraa fagaatu taasisan. Solomoon akkuma inni jaara'aa deemuun haawwonni manaa isaa akka inni waaqa tolfamaa waaqeffatu taasisan; Solomoon Rabbii amanamee akka abbaa ufii akka Daawitii hin taaneef, Solomoon waaqa tolfamaa worra Siidoonii ka Astaarooti jedhamuu fi karaa battumma'aa ka worra Amoonii jibbisiisaa ka Moolook jedhamu faana deeme, Solomoon Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjate; akka abbaa ufii akka Daawitii qajeelaa ta'ee Rabbiin hin waaqeffanne. Hennaa san Solomoon Kaamooshii battummaa worra gosa Moo'aabiitii fi Moolookii battummaa worra Amooniitii fi gaara Yerusaalemiin afoo jiru irratti hulee itti sagadan ijaare. Haawwota manaa ta ufii sanniiniillee akka isaan hixaana itti aarsanii ciincaa dhiyeessaniifiif isaaniillee akkasuma ijaare. Rabbi Solomooniin, «Waan ajaja ani sii kennee fi waadaa sii gale hin eenneef mootummaa tee si irraa fuudhee garboota tee keessaa nama tokkoo kenna. Garuu bara ilma keetii keessatti diiga malee sababaa abbaa keetiitiif jedhee bara kee keessatti hin diigu; garuu waan garbicha kiyya Daawitiitii fi waan qachaa Yerusaalemii ta filadheetiif jedhee ilma keetii gosa tokko kenna malee mootummaa isaa mara hin diigu.» jedheen. Rabbi Solomooniin irratti mootota Edoomiyaasii keessaa Haadaadii nama fiixaa Edoomiyaasii diina godhee itti kaase. Haadaadi uduu daa'imumma'aan jiru Haadaadii fi namoonni hagoon isa woliin garboonni abbaa isaa ta gosa Edoomiyaasii gara biyya Misirii baqatanii turan. Isaan Miidiyaamii ka'anii gara biyya Faaraanii dhufanii namoonni hagoon isaanitti eda'aman; achiin maayessa biyya Misirii mooticha bira dhaqan; mootichillee Haadaadiif lafa irra jiraatu kenneefii waan nyaatullee hin eeyyameef. Haadaadi goshoo mootichaa ta'e, mootichillee obboleettii haadha manaa ufii Teeqminaasiin isatti heerumsiise, Isiin ilma Geembaati jedhamu deette isiin daa'ima dhalate mana mootichaa keessatti guddifatte daa'imnillee ijoollee dhiiraa ta mootichaa woliin jiraate. Haadaadi uduu biyya Misirii keessa jiru akka mootichi Daawitiif akka Iyyoo'aab bulchaan ajajaa loltootaa du'e haga dhagaye, Haadaadi Fari'ooniin, «Gara biyya kiyyaa deemaa na geegessi» jedheen. Fari'oonillee, «Na biraa maal dhabdee gara biyya keetii deemta?» jedheen; innillee «Ani waan tokkollee hin dhabne, garuu hin deema» jedheenii gara biyya ufii gale; haga gara biyya ufii gale worra Israa'elii miidhee biyya Edoomiyaasii irratti mootii ta'e. Hennaa lammeesso'ootiif Rabbi ilma Eeliyaadii ka Reezoon jedhamu Solomooniin irratti diina godhee kaase; Reezoon mootii Suuba'aa ka Adir'aazar jedhamu gooftaa ufii jalaa dheessee, bulchaa saamtotaa ta'e; wonti kun haga Daawiti mootichi Adi'aazariin mooyatee worra Sooriya'aa ka lolaan isa gargaaran fixeen maayessa ta'e; Reezoonii fi worri isa woliin jiran gara biyya Damaasqo'oo deeman uduma achi jiraatan Reezoon mootii biyya Sooriya'aa akka ta'u taasisan. Solomoon bara ufii jiraate maraa wonti hamaan Haadaadi hojjate ka biraa worra Israa'eliitii diina ture. Iyyoorbi'aam ilmi Naabaaxii gosa Efreemii garbichi Solomoonii ka biyya Saarira'aa mootichatti ka'e; haati isaa dubartii abbaa worraa hin qabne ta Tsuuriyaa jedhamtu. Sababaan Iyyoorbi'aam mootichatti ka'eef waan Solomoon ladda Yerusaalemii gara baya biiftu'uutiin hulee Miiloo jedhamee waamamu ka dhooqaa guutee dallawa dhaga'aa qachaa abbaa ufii ka Daawitii deebisee ijaareef. Iyyoorbi'aam waan nama jabaa ta'eef Solomoon akka inni nama jabaa ta'e haga arge, hujii gosa Yooseefii maraa irrattuu isa muude. Uduu Iyyoorbi'aam Yerusaalemiin keessaa bayee deemu raattichi Akiyaa nama biyya Seelo'ootiin wol gayan; hennaa san Akiyaan uffata haarawa uffateera; isaan lachuu raasa'atti hojja ufii turan. Akiyaan uffata haarawa uffate san bakka kudha lamatti bibbiinxe. Akiyaan Iyyoorbi'aamiin uffata bibbiinxame kana keessaa kudhan fudhu Rabbi Waandhi Israa'elii akkana waan jedhuuf, «Ani Solomooniin irraa kaasee gosa kudhanii sii kenna. Waan garbicha kiyya Daawitiitiif, waan Yerusaalemii qachoota Israa'elii keessaa filadheetiif garuu gosa tokko isaa dhiisa. Solomoon na dhiisee Astaarootii waaqa tolfamaa worra Siidoonii Kaamooshii waaqa tolfamaa Moo'aabii, Miilkoomii waaqa tolfamaa ijoollee Amooniitii waan sagadeef akka abbaan isaa Daawiti qajeelaa ta'e qajeelaa ta'ee ajajaa fi murtii kiyya eegee akka ani fedhutti waan hin jiraanneef. Mootummaa isaa maraa jalaa hin fudhadhu waan garbicha kiyya Daawitii seeraa fi ajaja kiyya eege ka ani filadheetiif jedhee bara jireenna isaa maraa bulchaa isa taasisa. Kanaafuu mootummaa isaa ilma isaa irraa fudhee gosa kudhaniitii kenna. Qachaa filatamtuu Yerusaalemiin garbicha kiyya Daawitiif akka hennaa maraa isaa iftu ilma isaatii gosa tokko kenna. Iyyoorbi'aam! ani mootii Israa'elii si taasisa; biyya ufii jaalatte maraa irrattuu mootii taata. Akkuma garbichi kiyya Daawiti godhe waan ani si ajaje maraa yoo dhageette, akka fedha kiyyaatitti yoo jiraatte, afoo kiyyatti waan qajeelaa yoo hojjatte, seeraa fi ajaja kiyya yoo eedde, ani si woliin ta'a; akkuma Daawitii ijaare mana jabaa sii ijaara; worra Israa'eliillee sii kenna. Kanaaf fiixaa Daawitii sababaa cubbuu Solomooniitiif hin adaba; garuu baraa haga bara baraatiifii miti. Solomoon Iyoorbi'aamiin ajjeesu'uuf barbaannaan Iyyoorbi'aam garuu ka'ee gara Shiishaaqii mootii biyya Misirii baqatee haga bara Solomoon du'uutitti achuma taa'e. Seenaan Solomoonii ka hafe, beekkumsi isaa, wonti inni hojjate maruu kitaaba seenaa Solomoonii keessatti barreeffameera. Barri Solomoon Yerusaalemii fi Israa'eliin irratti mooyee bulche woggaa afurtama ture. Achiin maayessa Solomoon du'ee qachaa Daawitii abbaa isaa ta abboonni isaa itti awwaalamanitti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Roobi'aamitu mooye. Worri Israa'elii Roobi'aamiin mootii taasisuu waan barbaadaniif innillee ka'ee gara Seekeemii worri Israa'elii jiranii dhaqe. Ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam ka mootii Solomooniin jalaa baqatee biyya Misirii keessa taa'a'aa ture haga waan kana dhagaye deebi'ee gara Israa'elii dhufe. Iyyoorbi'aamii fi baniin Israa'elii maruu Roobi'aamiin bira dhaqanii, «Abbee fe'aa guddaa nutti fe'ee nu rakkisa'aa ture, ati garuu fe'aa guddaa abbee nutti fe'e kana nuu salphisi; nullee si jalatti bullaa» jedhaniin. Inni, «Deema'aa gala'aatii guyyaa sadihiin maayessa deebi'aa'a» isaaniin jedhe; baniinillee ka'ee isa biraa deeme. Achiin maayessa mootichi Roobi'aam jaarsota hennaa Solomoon jiru gorsa'aa turan wolitti qabee «Ani banii kanaa maal deebisa?» jedhee isaan gaafate. Jaarsonni, «Ati adha yoo banii kanaa ajajamtee fayyaalumma'aan isaan tajaajiltee gaafii isaaniitiif deebii mishaa kennite isaan hennaa maraa amanamumma'aan sii hojjatan» jedhaniin. Inni garuu waan jaarsonni isa gorsite dhiisee ijoollee daraboo ufii wolitti qabee, «Banii fe'aa abbaan kee nutti fe'e kana nuu salphisi naan jedhe kanaa maal jedhee deebisa? maal na gorsitan?» jedhee isaan gaafate. Ijoolleen daraboo isaa garuu «Banii abbaan kee fe'aa guddaa nutti fe'eeraa ati garuu fe'aa kana nuu salphisi› worra siin jedhuun qubni tiyya diqqoon mudhii abbaa kiyyaa caalaa furdo'o. Abbaan kiyya fe'aa guddaa isinitti fe'e; ani garuu fe'aa san irratti fe'aa biraa isinitti fe'a; abbaan kiyya shabbeenaan isin tume; ani garuu shabbeena akka buuti'ii nama idduutiin isin tuma» jedhii isaanii deebisi jedhaniin. Guyyaa sadihiin maayessa Iyyoorbi'aamii fi baniin maruu haaganaa Roorbi'aam qabeefitti deebi'anii gara isaa dhufan. Mootichi waan jaarsonni isa gorsan dhiisee banii tuffata'aa dubbachuu jalqabe. Akkuma daraboon isaa isa gorsite «Abbaan kiyya fe'aa guddaa isinitti fe'ee ture, ani garuu fe'aa san irratti fe'aa biraa isinitti eda'a; abbaan kiyya shabbeenaan isin tume, ani garuu shabbeena akka buuti'ii nama idduutiin isin tuma» jedhee isaanii deebise. Kun maruu wonti ta'eef akka wonti Rabbi karaa raatticha Akiyaa Seelo'oo dhufeetiin Iyyoorbi'aamii ilma Naabaaxiitiin ka Rabbi dubbate akka raawwatamuuf; sababaan mootichi Iyyoorbi'aam yaada bani'ii uduu hin fudhanne dideef, waan Rabbi jijjiirama fidu'uuf murteesseef. Worri Israa'elii maruu akka mootichi isaan hin dhageenne haga argan mootichaan «Nu'u Daawitiin biraa gayee maal qabna? Ilma Isseyii biraa lafa maal qabna? banii Israa'elii gara daaseewwan keessanii deebi'aa galaa'a; Daawiti ati mana kee eegi» jedhanii deebisaniif; achiin maayessa baniin Israa'elii gara daaseewwan ufii deebi'ee gale. Roobi'aam garuu worra Israa'elii ka bulchiinsa Yihuuda'aa jala jiraatan callaa irratti mooye. Kanaan maayessa mootichi Roobi'aam Adooniraamii gibira guuru gara worra Israa'elii erginaan worri Israa'elii maruu dhaga'aan tumanii ajjeesan; mootichi Roobi'aamillee daddafee gaarii fardaa yaabbatee gara Yerusaalemii dheesse. Hennaa sanii jalqabee worri Israa'elii ka gara kaabaatiin jiru mootummaa Daawitii irratti ka'e. Worri Israa'elii maruu akka Iyyoorbi'aam biyya Misiriitii deebi'e haga dhagayan nama itti erganii gara gumii ufii waamanii worra Israa'elii maraa irratti moosisan; worri mootummaa Daawitiitiif amanamaa ta'e gosa Yihuuda'aa calla'a. Roobi'aam gara Yerusaalemii dhaqee akka ijoollee Israa'eliitiin lolanii mootummaa isaanii gara ilma Solomoonii Roobi'aamitti deebisaniif gosa Yihuuda'aatii fi gosa Biiniyaamii keessaa loltoota filataman namoota kuma dhibba tokkoo fi saddeettamaa wolitti qabe. Jechi Rabbii gara Shaama'aa raattichaa dhufee gara mootii Yihuuda'aa, Roobi'aamii ilma Solomooniitii fi worra gosa Yihuuda'aatii fi gosa Biiniyaamiititti dhiyaatu marattuu banii dhufe marattuu Rabbi, «Wonti kun ana irraa waan ta'eef hin bayinaa'a; obboleewwan teessan ta Israa'eliitiinillee hin lolinaa'a; namni maruu gara mana ufii haa deebi'uu jedhu gara isaa dhufe; isaanillee jecha Rabbii dhagayanii gara mana ufii deebi'an. Iyyoorbi'aam biyya gaaraa ka Efreemii keessatti qachaa Seekeemii kushee godhatee achi jiraate; achii ka'ee qachaa Phini'eelii kushee itti dhokatu godhee ijaare. Iyyoorbi'aam onnee ufii keessatti amma mootummaan gara mana Daawitii deebi'a. Baniin kun ciincaa dhiyeessu'uuf gara Yerusaalemii yoo dhaqe baniin kun gara gooftaa ufii gara Roobi'aamii mootii Yihuuda'aa deebi'ee; na ajjeesan jedhee yaade. Mootichi nama mariisisee jabbii lama worqii irraa hojjachiisee «Isin banii Israa'elii akka armaan dura gootan sanitti sagadu'uuf haga Yerusaalemii deemuun isin gaya; waandhi tolfamaan biyya Misiriitii isin baase kanniin!» isaaniin jedhe. Achiin maayessa jabbii lamaa ka worqii irraa hojjataman tokko Beeteelitti tokko garuu Daanitti dhaabe. Namoonni haga Daanii waaqa tolfamaa afo'otti hiriiranii deeman akka kanaan waaqa tolfamaa waaqeffachu'uun cubbuu hojjatan. Akkasuma Iyyoorbi'aam tulloota irratti hulee itti waaqeffatan qopheessee gosa maatii worra Leewwi'ii hin taane keessaa nama kamiinuu gadoota godhee muude. Iyyoorbi'aam ayyaana akka Yihuudaa keessatti ayyaanteeffamuu, ji'a saddeetesso'oo guyyaa kudha shaneesso'ootitti, ayyaana waaqa tolfamaa itti ayyaanteeffatan murteesse; fakkeenna worqii irraa hojjachiise, hulee ciinca'aa ka Beeteeliin jiru irratti fakkeenna waaqa tolfamaa waati'iitiif ciincaa dhiyeesse; hulee waaqa tolfamaa itti waaqeffatan ka Beeteeliin jirutti gadoota tajaajilan ramade. Ji'a saddeetesso'oo akka ayyaanni ayyaanteeffamu murteesse, jiini seenee guyyaa kudha shaneesso'ootitti gara Beeteelii dhaqe. Achitti akkuma worra Israa'eliitii murteessetti ayyaana ayyaanteeffachu'uuf hulee ciinca'aa irratti ciincaa dhiyeessee hixaanallee aarse. Raattichi tokko ajaja Rabbiitiin Yihuuda'aa ka'ee gara Beeteelii dhufe; hennaa san Iyyoorbi'aam hulee ciinca'aa bira dhaabatee hixaana aarsa'aa ture. Raattichi hulee ciinca'aa san mormu'uun «Hulee ciinca'aa! Hulee ciinca'aa! Rabbi akkana jedha «Namni Iyyoosiyaas jedhamu maatii Daawitii keessatti dhalata, gadoota gaara hulee ciinca'aatii hixaana si irratti aarsan, lafee namootaallee si irratti guba› » jedhee maqaa Rabbiitiin iyye. Malkanni Rabbi guyyaa san kenne kana; huleen ciinca'aa baqaqee, daaraan isa irra jirullee hin jiga jedhee malkata kenne. Mootichi waan namni Rabbii hulee ciinca'aa bira dhaabatee dubbate haga dhagaye, harka ufii hulee ciinca'aatii ol qabee nama hulee ciinca'aatii iyyu san qabaa'a jedhe; harki isaa ka inni gara raatticha dubbata'aaruu hiixate waan gogee hafeef harka san ufitti deebisuu dadhabe. Akkuma namni Rabbii dubbii Rabbii malkataan hime, huleen ciinca'aa baqaqee, daaraanillee achi irraa jige. Mootichi nama Rabbiitiin, «Akka harki kiyya ka goge naa fayyu Rabbii Waaqa kee naa kadhu» jedheen; namni Rabbii sun Rabbiin kadhannaan harki mootichaa fayyee akkuma duraanii ta'eef. Achiin maayessa mootichi nama Rabbii saniin, «Ana woliin gara mana kiyyaa beenuu waa nyaadhu, anillee waan ati barbaaddu sii kennaa» jedheen. Namni Rabbii sunillee mootichaan, «Yoo qabeenna kee ka qooddee naa kennituullee ani gara mana keetii hin dhaqu, midhaan hin nyaadhu; bisaanillee hin dhugu. Rabbi naan, buddeena hin nyaatin, bisaanillee hin dhugin, karaa dhufte keessallee hin deebi'in jedhee na ajaje» jedheen. Kanaafuu namni Rabbii sun karaa dhufeen ka Beeteelii dhiisee karaa biraatiin deeme. Hennaa san jaarsi raagu tokko Beeteeliin keessa jiraata ture; ijoolleen isaa ta dhiiraa isatti dhaqanii, waan namni Rabbii guyyaa san Beeteelitti godhe maraa fi waan dubbii inni mootichatti dubbate maraa abbaa ufiititti himan. Abbaan isaaniillee «Inni karaa kamiin lixe ree?» isaaniin jedhe; ijoolleenillee karaa namni Rabbii ka biyya Yihuuda'aatii dhufe deemeen itti akeekan. Kanaan maayessa inni ijoollee ufiitiin, «Harree naa kooraa'a» isaaniin jedhe; isaan harree kooraniifii yaabbatee deemee, isa hordofee uduu inni muka qilxu'uu jala taa'u isa argee, «Namni Rabbii ka biyya Yihuuda'aatii dhufe si'ii?» jedhee isa gaafate; innillee, «Ee ana» jedhee isaa deebise. Innillee, «Na woliin gara mana kiyyaa beenuu waa nyaadhu» jedheen. Innillee, «Ani si woliin deemee waa hin nyaadhu; bisaanillee hin dhugu; Rabbi achitti waa hin nyaatin, bisaanillee hin dhugin, karaa dhufte keessallee hin deebi'in» jedhee na ajajeera jedhe. Innillee, «Anillee raaguma akka keetiiti, maleekkaan Rabbii inni mana kee dhaqee si woliin haa waa nyaatee dhuguu jedhee natti dubbateera» jedhee soba itti hime. Innillee isa woliin gara mana isaa dhaqee isa woliin waa nyaatee, bisaanillee dhuge. Uduu isaan waa nyaata'aaran dubbiin Rabbii gara raatticha jaarsaa dhufee, Inni nama Rabbii ka biyya Yihuuda'aatii dhufe saniin Rabbi akkana siin jedha, «Ati waan Rabbi siin jedhe waan diddeef ajaja Rabbi Waandhi kee si ajaje waan eeguu dhabdeef, hulee waa itti hin nyaatin, bisaanillee hin dhugin siin jedhetti waan nyaattee dhuddeef, reeffi kee hulee abboonni tee itti awwaalamanitti hin awwaalamu» jedhee dubbate. Haga namichi raagu sun waa nyaatee dhugeen maayessa harree kooreef. Innillee haga ka'ee deeme, leenci kara'atti isatti bayee ajjeeseen, leencinii fi harreen inni yaabbate sun reeffa bira dhaabatan. Namoonni karaa san irra lufan leenca reeffa bira dhaabatu arganii dhaqanii qachaa jaarsi raagu keessa jiraata'aa turetti odeessan. Raattichi namicha raagaa ka inni kara'aa deebise sun akka du'e haga dhagaye, inni raatticha Rabbii ka dubbii Rabbii dhagawuu dide san kanaaf Rabbi akkuma dubbate, leencaaf dabarsee isa kennee leencillee caccabsee isa ajjeese» jedhe. Kanaan maayessa ijoollee ufiitiin, «Harree naa kooraa'a» jedhe; isaanillee harree kooraniifii, deemee reeffa namichaa ka kara'atti kufeeru, harre'ee fi leenca reeffa bira dhaabatu arge; leenci garuu reeffaa fi harreellee hin nyaanne. Raattichi reeffa nama Rabbii fuudhee harree irratti fe'ee gara qacha'aa gara qe'ee ufii fidee booyee, Awwaala worra ufii biratti awwaale. Haga reeffa awwaaleen maayessa ijoollee ufiitiin, «Ani yoo du'e, awwaala nama Rabbii kana biratti na awwaalaa'a, lafee kiyya lafee isaa bira kaayaa'a. Wonti raattichi Rabbii kun armaan dura hulee ciinca'aa ka Beeteeliin keessatti argamu qachoota Samaariya'aa didiqqaa keessatti argamuu fi tulloota irratti sagadan irratti akka Rabbi isa ajajeen dubbate dhugamaan hin raawwatama.» jedhe. Haga wonti kun maruu ta'ellee Iyyoorbi'aam waan hamaa hojjatu irraa hin deebine; worra Leewwotaa ka hulee ciinca'aatitti tajaajilaniin alatti nama gadaa ta'ee tajaajiluu barbaadu maraa fila'aa ture. Cubbuun inni hojjate kun sababaa badu'uu fi diiggamuu mootummaa isaa ta'e. Hennaa san Abiyaan ilmi Iyyoorbi'aamii hin dhibame; Iyyoorbi'aam haadha manaa ufiitiin, «Ka'ii akka ati haadha manaa tiyya taate namni akka si hin beenne uffata kee jijjiiradhuu gara Seelo'oo deemi; raattichi Akiyaan akka ani mootii ta'uuf natti dubbate achi jiraa. Harkatti buddeena kudhanii fi bixilee hedduu damma xuwwee tokkoo qabadhuu isa bira dhaqi; inni waan muca'aa sitti himaa» isi'iin jedhe. Kanaafuu haati manaa Iyyoorbi'aamii akkuma inni isi'iin jedhe kanniin maraa harkatti qabattee Seelo'otti mana Akiya'aa dhaxxe. Raattichi Akiyaan waan guddisee dulloomeef ijji isaa waa hin guuttattu. Rabbi Akiya'aan haati manaa Iyyoorbi'aamii waan daa'ima ufii ka dhibamuu si gaafachu'uuf nama biraa fakkaattee sitti dhuftii akkana jedhii isi'itti himi jedheen. Akiyaan hennaa isiin mana seentu hirpha luka isi'ii dhagayee «ol seeni! maaf nama biraa fakkaattee dhufte? haadha manaa Iyyoorbi'aamii ta'uu kee si beekaa waan badaa sitti himutu jiraa. Ka'ii abbaa manaa kee Iyyoorbi'aamiin Rabbi Waandhi Israa'elii akkana jedha banii keessaa si filee si kabajje; banii kiyya Israa'eliin irrattillee bulchaa si taasise, Mootummaa fiixaa Daawitii harkaa fuudhee sii kenne; ati garuu akka garbicha kiyya Daawitii akka inni amanamumma'aan na faanaa deeme, akka inni na afo'otti waan qajeelaa godhe, akka inni ajaja kiyya eege, ati hin eenne. Worra siin duraa maraa caalaa ati cubbuu hamaa hojjatte, ati na dhiiftee waaqa tolfama'aa fi fakii sibiila baffameen hojjattee na aarsite. Kanaaf ani mana Iyyoorbi'aamiititti waan hamaa fida; mana isaa keessaa garbichaa fi wolabticha dhiira maraa banii Israa'elii keessaa hin balleessa; akka namni fiindoo haree gubee gatuutitti mana Iyyoorbi'aamii sirima balleessa. Worra gosa Iyyoorbi'aamii ka qachattii keessatti dhuman sariintu nyaata; worra raasa'atti dhuman garuu allaatti'itu nyaata; kana waan Rabbi dubbateeruuf.»› Kanaafuu ka'ii gara qacha'aa gali; akkuma ati qachaa seenteen daa'imni kee hin du'a. Worri Israa'elii maruu booya'aafii awwaalan; Rabbii Waaqa Israa'elii biratti daa'imni kun waan mishaa ta'eef mana Iyyoorbi'aamii keessaa isa calla'atu awwaalama, Rabbi worra Israa'eliitii mootii moosisa; innillee bara ufii bulchu keessa mana Iyyoorbi'aamii hin balleessa. Hennaa san Rabbi Israa'eliin hin adaba; isaan akka dhallaadduu bisaan keessa sosocho'uutitti hollatan; waan fakii Asheeraa jedhamu ta dubarti'ii hojjatanii waaqeffatanii isa aarsaniif biyya michuu abboota isaaniitii kenne irraa isaan buqqisee akka laga Efraaxisiitiin gamatti bittinnaayan isaan taasisa. Iyyoorbi'aam cubbuu hojjatee banii Israa'eliillee gara cubbu'uu waan fideef Rabbi banii Israa'elii hin dhiisa» jedheen. Haati manaa Iyyoorbi'aamii kaatee gara Teersaa mana ufii akkuma galteen daa'imni isi'ii yoma san du'e. Akkuma raattichi Akiyaan dubbate akkuma dubbii Rabbii sanitti worri Israa'elii maruu booya'aafii isa awwaalan. Barri mootichi Iyyoorbi'aam bulche, akka inni itti mooyata'aa mootii ta'e galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera. Iyyoorbi'aam woggaa diddamii lamaa haga bulcheen maayessa du'ee awwaala abboota ufii biratti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Naadaabitu mooye. Ilmi Solomoonii Roobi'aam biyya Yihuuda'aa irratti mooye; inni hennaa moowu dargaggeessa woggaa afurtamii tokkooti. Inni Yerusaalemii qachattii Rabbi biyya Israa'elii maraa keessaa filate keessa jiraata'aa woggaa kudha torba bulche; haati Roobi'aamii intala gosa Amoonii ta Naa'imaa jedhamtu. Baniin Yihuuda'aa cubbuu abboonni isaanii hojjatan caalaa cubbuu hamaa hojjatanii Rabbiin aarsan. Isaan tulloota dhedheeraa irratti muka baalli isaa lalise maraa jalatti hulee itti sagadan, sooddu'uu fi fakii Asheera'aa dhaaban. Biyya Yihuuda'aa keessa worra Soodomiititu jira; isaan battummaa worri ormaa hojjatu ka Rabbi ijoollee Israa'elii afo'oo balleesse maraa hojjatan. Roobi'aam mooyee woggaa shaneesso'ootitti mootiin biyya Misirii Shishaaqi banii Israa'elii irratti balaa buusee, Qabeenna mana woyyu'uu, ka mana mootumma'aa maraa, wontee Solomoon worqii irraa hojjachiise maraa saamee fudhate. Mootichi Roobi'aam bikka meeshaa sanii wontee sibiila irraa hojjatee bulchoota worra mana mootumma'aa eegan bulchanitti kenne. Hennaa mootichi gara mana Woyyu'uu dhufu worri mana woyyuu eegan wontee san qabatanii isa simatan; yoo inni deemellee wontee sanniin fuudhanii gara hulee worri mana woyyuu eegu bulan kaayan. Wonti mootichi Roobi'aam hojjate maruu galmee seenaa mootota biyya Yihuuda'aa keessatti barreeffameera. Bara mootii Iyyoorbi'aamiitii fi mootii Roobi'aamii isaan jidduu lola wol irraa hin cinnetu ture. Roobi'aam du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman qachaa Daawitii keessatti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Abiya'atu mooye. Ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam mooyee woggaa kudha Saddeetesso'ootitti Abiyaan biyya Yihuuda'aa irratti mooye. Inni Yerusaalemiin woggaa sadihii bulche; haati isaa ta Ma'ikaa jedhamtu mucattii Abeseloomii turte; Innillee cubbuu abbaan isaa hojjate maraa hojjate; onneen isaa akka abbaa isaa akka Daawitii qulqulluu hin turre. Garuu Rabbi Waandhi isaa ilma isaa isaan maayessa moosisu'uuf, Yerusaalemiinillee jabeessu'uuf waan Daawitiitiif jedhee Abiya'aa ilma kenne. Daawiti bara ufii jiraate maraa keessatti Rabbiin afo'otti waan qajeelaa godha'aa waan inni isa ajaje maraa raawwata'aa ture. Bara Iyyoorbi'aamii fi ilmi Roobi'aamii Abiyaan bulchan isaan lachuu wol lola'aa turan. Wonti Abiyaan hojjate maruu galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera. Kanaan maayessa Abiyaan du'ee qachaa Daawitii hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Aasa'atu mooye. Iyyoorbi'aam Israa'eliin irratti mooyee woggaa diddameesso'ootitti Aasaan mootii Yihuuda'aa ta'e. Inni Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa afurtamii tokko bulche; haati isaa Ma'ikaan mucattii Abeseloomii turte. Aasaan akkuma Daawitii abbaa ufiititti Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate. Inni biyya ufii bulchu keessaa worra Soodomii yaase, waaqa tolfamaa abboonni isaa waaqeffatan maraa balleesse. Haati isaa Ma'ikaan waaqa tolfamaa waaqeffatan waan hojjatteef akka isiin mootii hin taane godhee waaqa tolfamaa isi'ii caccabsee laga Qeediroonii biratti gube. Garuu hulee itti sagadan ka tulloota gubbaa jiru hin balleessine, Aasaan bara ufii jiraate maraa keessatti garaa guutuu qaba ture. Meeshaa abbaan isaa woyyoomse, worqii inni ufii woyyoomsee fi birriillee gara mana woyyu'uu galche. Mootiin Yihuuda'aa Aasa'aa fi mootiin Israa'elii Ba'oos bara ufii bulchan maraa wol lola'aa turan. Mootiin Israa'elii Ba'oos biyya Yihuuda'aatiin lolee qabatee, Raamaa kushee ufii godhatee hojjate; wonti waan kana godheef eennullee gara biyya Yihuuda'aa akka hin seennee fi akka hin baane dhooggu'uuf. Sababaa kanaaf mootichi Aasaan birri'ii fi worqii mana woyyu'uutii fi ka mana mootumma'aa baasee hojjattoota ufii irraan Xabiriyoosii ilma ilma Heziyoonii ta'een mootii Sooriya'aa Wolda'adeeriif akka kenna'aatitti ergeef. «Anaa fi si jiddu'utti, abbeetii fi abbaa kiyya jiddu'utti waadaan dhaabateera; ani birri'ii fi worqii eebba maraa sii ergeeraa akka mootiin Israa'elii Ba'oos na irraa fagaatu isa bira dhaqii waadaa isa woliin qabdu diigi» jedhee dhaamsa itti erge. Wolda'aaderille mooticha Aasa'aan maarre jedhee ajajootaa fi loltoota ufii gara qachoota Israa'elii ergee biyya Iyyoonii, Daanii, Abelbeetma'aag, Kenereetii fi biyya Niftaalemii maraa dhaye. Mootichi Ba'oos haga waan kana dhagaye Raamaa hojjachuu dhiisee biyya Teersa'aa dhaqee keessa jiraate. Mootichi Aasaan biyya Yihuuda'aa maratti labsii labse; biyyi Yihuuda'aa hennaa san nagaya hin qaban, dhaga'aa fi muka Ba'oos Raamaa ittiin ijaare fudhatanii mootichi Aasaan qachaa Biiniyaamii Geeba'aa fi Mitsiphaa ittiin ijaare. Wonti mootichi Aasaan hojjate maruu hujiin jannumma'aatii fi qachoonni inni itti kushee hojjate galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera; mootichi Aasaan hennaa jaare lutti isaa waan dhukkubeef laamshaye. Inni du'ee qachaa Daawitii keessatti hulee mootonni itti awwaalaman biratti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Iyyoosaafixi mooye. Aasaan biyya Yihuuda'aa irratti mooyee woggaa lammeesso'ootitti ilmi Iyyoorbi'aamii Naadaabi worra Israa'elii irratti woggaa lamaa mooye. Inni Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjate akkuma abbaan isaa cubbuu hojjate innillee banii Israa'elii cubbuu hojjachiise. Ba'oosiin ilmi Akiya'aa ka gosa Yisaakoorii Naadaabitti ka'ee lafa Gabaa'ooniititti isa ajjeese. Aasaan biyya Yihuuda'aa irratti mooyee woggaa sadeesso'ootitti Ba'oos Naadaabiin ajjeesee bikka isaa mootii ta'e. Inni akkuma mooyeen maatii worra Iyyoorbi'aamii maraa fixe; akkuma Rabbi karaa raatticha ufii Akiyaa biyya Seelo'ootiin dubbate maatiin Iyyoorbi'aamii maruu hin dhuman womaa hin hafne; sababaan kun ta'eef waan Iyyoorbi'aam cubbuu hojjatee worra Israa'eliillee akka cubbuu hojjatan godhee Rabbii waaqa Israa'elii aarseef. Wonti mootichi Naadaab hojjate maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera. Bara mootiin Yihuuda'aa Aasa'aa fi mootiin Israa'elii Ba'oos bulcha'aa turan lola addaan hin cinnetu isaan jidduu ture. Bara Ba'oos bulche woggaa sadeesso'ootitti ilmi Akiya'aa Ba'oos worra Israa'elii maraa irratti Teersaa keessatti woggaa diddamii afurii bulche. Inni Rabbiin afo'otti cubbuu hojjate; cubbuu Iyyoorbi'aam hojjate hojjatee banii Israa'eliillee akka cubbuu hojjatan godhee Rabbiin gaddisiise. Dubbiin Rabbii ka akkana jedhu ilma Anaanii Iyyuu irraan gara Ba'oosii dhufe; «Ani lafaa si kaasee banii kiyya Israa'eliin irratti bulchaa si taasise; ati garuu akka Iyyoorbi'aamii cubbuu hojjattee banii kiyya Israa'eliinillee akka isaan cubbuu hojjatan gootee na aarsite. Kanaaf Ba'oosii fi maatii isaa sirima balleessa; mana kee akka mana Iyyoorbi'aamii ilma Naabaaxii itti balleessetti balleessa. Gosa Ba'oosii keessaa namoota qachattii keessatti dhuman sariintu nyaata; worra raasa'atti dhuman allaatti'itu nyaata.» Wonti Ba'oos hojjatee fi hujiin isaa ka jannumma'aa maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera. Ba'oos du'ee Teersaa hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Eela'atu mooye. Rabbi karaa raatticha Iyyu'uutiin Ba'oosii fi maatii isaa irratti wonti dubbii raagaa kana himeef waan Ba'oos cubbuu hojjatee Rabbiin gaddisiiseef, wonti Ba'oos Rabbiin aarseen, waan cubbuu mootonni isaan dura turan hojjatan hojjate calla'aaf uduu hin taane waan maatii Iyyoorbi'aamii maraa ajjeeseef. Aasaan biyya Yihuuda'aa irratti mooyee woggaa diddamii jaheesso'ootitti ilmi Ba'oos Eelaan biyya Israa'elii irratti mooyee teessoo ufii Teersaa godhatee woggaa lamaa bulche. Namni Zamiri jedhamu ka worra gaarii fardaa oofan bulchu ajajaan loltootaa mootichatti ka'e gaaf tokko Eelaan qachaa Teersa'aa keessatti mana Ba'oosaa bulchaa mana mooti'iititti waan nama macheessu guddisee dhugee machaaye. Hennaa san Zamiri mana waa itti dhugan san keessa seenee Eelaa ajjeesee bikka isaa mooye; wonti kun maruu bara mootiin biyya Yihuuda'aa Ba'oos mooyee woggaa diddamii torbeesso'ootitti ta'e. Inni akkuma mooyee teessoo irra taa'een mana Ba'oosii maraa fixee firaa fi goshoota isaa dhiira maraa ajjeese. Wonti Eelaan hojjate maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera. Aasaan biyya Yihuuda'aa keessatti mooyee woggaa diddamii torbeesso'ootitti Zamiri biyya Israa'elii irratti mooye; Teersaa keessa jiraata'aa Israa'eliin irratti guyyaa torbaa bulche; hennaa san loltoonni Israa'elii qachaa Gabaatoonii ta Filisxeemiin keessatti argamtu marsan. Baniin qachattii marseeru akka Zamiriin yaada hama'aan ka'ee mooticha ajjeese dhagayanii guyyaa san worri Israa'elii maruu Zambarii bulchaa loltootaa ganda keessatti moosisan. Zambariinii fi worri Israa'elii maruu Gabaatooniin keessaa bayanii qachaa Teersa'aa marsan. Zamiri qachattiin akka marfamte haga arge dallawa mootichaa keessa seenee mana mootichaatitti ibidda qabee mana woliin gubatee du'e. Wonti kun ta'eef waan Rabbiin afo'otti cubbuu hojjatee fi worra Israa'eliillee akka isaan Rabbiin afo'otti cubbuu hojjatan godhee cubbuu Iyyoorbi'aam hojjatellee waan hojjatee Rabbiin aarseef. Wonti hamaan Zamiri hojjate galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera. Hennaa san baniin Israa'elii bakka lamatti qoodamee baniin gariin Taaminii ilma Goonaatii uf irratti moosise; gariin garuu Zambariin uf irratti moosise. Baniin Zambariin uf irratti moosise banii ilma Goonaatii Taaminiin uf irratti moosise injifate; kanaaf Taamiin du'ee Zambar mootii ta'e. Bara Aasaan biyya Yihuuda'aa irratti mooye woggaa soddomii tokkootitti Zamiriin biyya Israa'elii irratti woggaa kudha lama mooye, Teersa'attillee haga woggaa jahaa bulche. Inni Saamiriin irraa gaara Samaariya'aa birrii makiliitii kuma jahaan bite; gaara bite san irratti qachaa ijaare; qachaa ijaare san maqaa namicha gaara irraa bitee ka Saamir jedhamuun «Samaariyaa» jedhee itti baase. Zambari Rabbiin afo'otti waan hamaa mootonni tanaan dura hojjatan caalaa hamaa hojjatee Rabbiin gaddisiise. Cubbuu ilmi Naabaaxii hojjate hojjatee worra Israa'eliillee dogoggorsee Rabbii Waaqa Israa'elii aarse. Wonti hamaan Zambari hojjate galmee mootota Israa'elii keessatti barreeffameera. Zambari du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman Samaariya'atti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Aki'aabitu mooye. Bara Aasaan biyya Yihuuda'aa irratti mooye woggaa soddomii saddeetesso'ootitti ilmi Zambarii Aki'aabi woggaa diddamii lamaa Samaariyaa keessa taa'ee Israa'eliin irratti mooye. Ilmi Zambarii Aki'aabi mootota isaan dura turan caalaa cubbuu guddaa hojjatee Rabbiin gaddisiise; Cubbuu ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam hojjate diqqaa itti fakkaatee Elzaabelii mucattii mooticha Eetba'aalii gosa Siidoona'aa fuudhee waaqa tolfamaa ba'aal jedhamu waaqeffata'aa sagadeef. Inni Samaariyaa keessatti mana waaqa tolfamaa Ba'aalii ijaare keessatti hulee ciinca'aa ijaare. Aki'aabi fakii waaqa tolfamaa dubartii Asheeraa jedhamtuu dhaabe; inni mootota Israa'elii worra isaan dura turan caalaa cubbuu hojjatee Rabbiin gaddisiise. Bara Aki'aab bulchu namni Beeteelii Aki'eel Iyyaarikoo ijaare; akkuma Rabbi ilma Nawwe'ee Iyyaasu'utti dubbate ilmi isaa ka hangafaa Abiiraan isa jalaa du'e; hennaa balbala dallawa Iyyaariko'oo ijaaru ilmi isaa ka maandha'aa Saguubillee du'e. Raattichi Teesbii Gala'aadii keessa jiraatu ka Eeliyaas jedhamu Aki'aabiin, «Rabbii Waaqa Israa'elii jiraataa ka ani afoo isaa dhaabadheen kakadhee yoo ani dubbadhe malee woggoota kanniin keessa hin roobu, hin kishishulle'e» jedheen. Achiin maayessa dubbiin Rabbii ka akkana jedhu gara Eeliyaasii dhufe; «Asii ka'ii gara baya biiftu'uu laga Kooraatii ka Yoordaanosiin afoo jiruu dhaqii dhokadhu. Laga sanii bisaan dhudda; akka isaan waan nyaattu sii fidan ani harraageeyyii sii ajajeera.» Eeliyaas akkuma Rabbi itti dubbate laga fincaayaa ka Yoordaanosiin afoo jiruu dhaqee taa'e. Harraageyyiinillee ganamaa fi galgala foonii fi buddeena fidaniif; innillee laga san keessaa bisaan dhuga'aa ture. Guyyoota baay'e'een maayessa waan roobni hin roobneef lanni sun hin goge. Kanaan maayessa Rabbi Eeliyaasiin akkana jedhe, «Eeganaa amma ka'ii gara qachaa Sarraphta'aa ta ladda Siidoona'aatiin jirtuu dhaqii taa'i achitti akka si horattuuf dubartii abbaa worraa hin qabne takka sii ajajeeraa.» Kanaaf innillee ka'ee deemee seensa qachattii Saraphta'aa haga gaye, dubartiin abbaa worraa hin qabne takka achitti qoraan guurti; inni isii waamee, «Yabo'oo bisaan dhugu xuwwe'etti naa fidi» jedheen. Hennaa isiin bisaan isaa fuudhu'uuf deemtu isii waamee «Yabo'oo bixilee diqqoo harkatti naa qabadhuu koottu» jedheen. Isiinillee akkana jettee isaa deebifte, «Ani Rabbii Waaqa keetiin kakadhee bixilee woyiituu hin qabu; daakuu ganaa takkaa ta qalqala keessa jirtuu fi sayitii ottee diqqoo keessa jirtu malee ani womaa hin qabu ani wonti as dhufteef qoraan diqqoo guuradhee gara manaa deebi'ee daakuu diqqoo qabu tana ufii fi mucaa kiyyaaf godhadhee nyaachu'uuf; kun nyaata keenna ka dhumaati; achiin maayessa du'uu hin oollu» jetteen. Eeliyaas, «Hin sodaatin; ka'ii deemii akkuma jette godhi dura daakuu diqqoo san irraa fuudhii bixilee diqqoo godhii naa fidi; achiin maayessa ufii fi mucaa keetii godhi. Rabbi Waandhi Israa'elii waan akkana jedhuuf haga guyyaa Rabbi rooba roobsutti daakuun qalqala keessaa hin dhumatu; sayitiinillee ottee keessaa sirima hin dhidhatu» isi'iin jedhe. Isiinillee deemtee akkuma Eeliyaas isi'iin jedhe goote; isiin, maatiin isi'iitii fi Eeliyaasillee guyyaa baay'ee nyaatan. Akkuma Rabbi Eeliyaasitti dubbate daakuun qalqala keessaa hin dhumanne; sayitiinillee ottee keessaa hin dhidhanne. Achiin maayessa dubartittii abbaan worraa jalaa du'e jalaa mucaan isi'ii dhibamee haga hafuurri isaa addaan citutti dhukkubbiin itti jabaatee du'e. Isiin Eeliyaasiin «Nama Rabbii! ani maal si godhe? Wonti ati as dhufteef cubbuu kiyya natti laakkoftee akka mucaan kiyya na jalaa du'uufii?» jetteen. Eeliyaasi, «Mucaa kee natti kenni» jedhee bobaa isi'iitii fuudhee gara gamo'oo oliin bayee siree irra ciibsee, Kanaan maayessa Eeliyaas, «Yaa Rabbi! Waaqa kiyya! dubartittii abbaan worraa irraa du'e ta waa na nyaachisa'aa turte jalaa mucaa isi'ii ajjeeftee maaf isii gaddisiifte?» jedhee laagaa ol qabatee Rabbiin kadhate. Inni reeffa mucaa du'ee san irra harka sadihii ciisee «Yaa Waaqa kiyya yabo'oo lubbuun mucaa kanaa akka itti deebitu si kadhadha» jedhee Rabbiin kadhate. Rabbi kadhaa Eeliyaasii dhagayee lubbuu mucaa sanii itti deebise; mucaanillee hin fayye. Eeliyaas mucaa san gamoo gubba'aa buusee gara manaa haadhatti fidee «Mucaan kee kunoo lubbu'uun jira» jedhee isi'itti kenne. Dubartittiinillee Eeliyaasiin «Akka ati nama Rabbii taate, dubbiin Rabbii ka afaan kee keessaallee akka dhugaa ta'e amma beeke» jetteen. Hennaa dheera'aan maayessa woggaa sadeesso'ootiin maayii dubbiin Rabbii ka «Dhaqii Aki'aabitti mudhadhuu ani rooba roobsa jedhiin» jedhu gara Eeliyaasii dhufe. Eeliyaasillee Aki'aabitti mudhachu'uuf gara isaa dhaqe; hennaa san Samaariyaa keessa beela gudda'atu jira ture. Aki'aab bulchaa mana ufii Abdiyyuu waame Abdiyyu garuu nama guddisee Rabbiin sodaatu. Hennaa Eelzaabeel raattota Rabbii ajjeesisiifte inni raattota Rabbii namoota dhibbaa fuudhee shantama shantama godhee kushee itti ijaaree waa isaan nyaachisa'aa ture. Aki'aab Abdiyyu'uun «Hulee burqa'aatii fi hulee lanni jiru maraa dhaqii akka horii, farado'oo fi gaangiin hulee itti bobbaafannu maal laataa yoo ka argannuu laali» jedheen. Isaan lachuu hulee itti wol gayan mari'atanii Aki'aab karaa biraa; Abdiyyuunillee karaa biraatiin deeman. Abdiyyuun uduu karaa deemu Eeliyaasiin wolitti dhufan; Abdiyyuun isa beekee gad jedhee nagaya gaafatee «Gooftaa kiyya! Eeliyaas si'ii?» jedhee gaafate. Eeliyaasillee, «Ee ana; deemii gooftaa keetiin Eeliyaas argameera jedhi» jedheen. Abdiyyullee deebisee Eeliyaasiin «Ana garbicha kee cubbuu maal hojjadheera'aaf dabarsitee akka inni na ajjeesuuf Aki'aabitti na kennita? Mootichi si soqaa biyyi inni itti nama hin ergine akka hin jirre maqaa Rabbii Waaqa keetiitiin sii kakadha; bulchoonni biyya inni nama itti ergee maruu akka si hin agarre yoo himan isaan kassiisa. Ati amma dhaqii Eeliyaas argame jedhii mootichatti himi naan jetta. Yoo ani diqqoo si biraa siiqe Hafuurri Rabbii fuudhee gara hulee ani hin beennee si fida; ani dhaqee akka ati as jirtu yoo isatti hime inni yoo dhufee asii si dhabe na ajjeesa; ani garbichi kee ijoollummaa kiyya irraa jalqabee guddisee Rabbiin sodaadha. Hennaa Eelzaabeel raattota Rabbii ficcisiifte, ani garuu raattota Rabbii namoota dhibbaa fuudhee shantama shantama godhee goda keessatti dhossee waa isaan nyaachisee bisaan obaasa'aa akka ture, waan ani godhe kana ati gooftaan kiyya hin beettuu? Eeliyaas argameera jedhii Aki'aabitti himi naan jetta; inni garuu yoo si dhabe na ajjeesa!» jedheen. Eeliyaas «Maqaa Rabbii jiraataa waan maraa danda'u ka afoo isaa dhaabadhuutiin kakadhe ani adha Aki'aabitti hin mudhadha» jedhee deebiseef. Abdiyyu dhaqee Aki'aabitti hime; Aki'aab Eeliyaasiin argu'uuf deeme. Aki'aab haga Eeliyaasiin arge «Namni Israa'eliin raasa'aaru si'ii?» Jedheen. Eeliyaas deebisee Aki'aabiin «Worri Israa'eliin raasu worri ajaja Rabbii didee waaqa tolfamaa Ba'aaliimiin waaqeffate si'ii fi mana abbaa keetiiti malee anaa miti. Ati amma nama ergii worra Israa'elii maraa raattota sobaa dhibba afuriitii fi shantamaa ka mana Eelzaabeeliitii waa nyaatan raattota sobaa dhibba afurii ka waaqa tolfamaa Ba'aaliin waaqeffatan hulee ciinca'aa ka Ba'aaliin irratti waaqeffatan gaara Qarmeloosii irratti qabii na bira isaan fidi» jedheen. Aki'aabillee nama gara ijoollee Israa'elii maraa ergee raattota sobaa maraa gaara Qarmeloosii irratti wolitti qabe. Eeliyaas gara bani'ii dhiyaatee «Isin haga yoomii yaada lamaan deemtan? Rabbi Waandhi yoo Waaqa ta'e isa waaqeffadhaa'a! yoo waandhi tolfamaan Ba'aal waaqa ta'e isa waaqeffadhaa'a!» jedhe; baniin garuu womaa isatti hin deebifne. Achiin maayessa Eeliyaas bani'iin «Raattota Rabbii keessaa ana calla'atu hafe raattonni sobaa ka ba'aalii garuu namoota dhibba afurii fi shantama. Eeganaa mirgoolee lamaa fida'aatii raattonni Ba'aalii mirgoo tokko fuudhanii qoraan wol irratti tuulanii isa irra haa kaayanii; garuu ibidda akka itti hin bobeessine anillee mirgoo lammeesso'oo fuudhee akkasuma godha. Achiin maayessa isin maqaa waaqa keessanii waamaa'a; anillee maqaa Rabbii waamaa ka dhagayee ibiddaan deebisu inni Waaqa haa ta'uu» jedhe; baniin maruu wonti kun waan misha'a jedhanii deebisaniif. Achiin maayessa Eeliyaas raattota Ba'aaliitiin «Isin waan baay'ee taataniif isin dura mirgoo tokko filadha'aatii qala'aa qopheessa'aa ibidda itti hin bobeessinaa'a, maqaa waaqa keessanii waamaa'a» isaaniin jedhe. Isaan mirgoo qalanii qopheessanii ganamaa haga guyya'aa Ba'aal nuu dhagayi» jedha'aa maqaa Ba'aalii waaman; hulee ciinca'aa irra naannaya'aa utaala'aa weeddisan; garuu laagaa tokkollee hin dhageenne, deebiillee hin arganne. Eeliyaas haga guyyaan wodhakkaa gaye isaaniin «laagaa keessan ol qabadha'aa waamaa'a maal laataa inni yaadaan qabameeraa yookaan karaa deemee fagaateera, yookaan yoo rafee jiraate dammassuu barbaachisa!» jedha'aa isaanitti balde. Kanaaf raattonni sobaa akkuma armaan dura godha'aa turan, haga dhiinni isaanii jigutti billawaa fi cuuphe'een nafa ufii mammadeessa'aa isa waama'aa turan, Haga lafti saafawooftee ciincaan galgala gubamu dhiyaatutti raaga'aa turan; garuu laagaa tokkollee hin dhageenne; ka isaan dhagawuu fi isaanii deebisullee hin arganne. Kanaan maayessa Eeliyaas banii maraanuu «Gara kiyya as dhiyaadhaa'a» isaaniin jedhe; baniin maruu gara isaa dhiyaatan; inni hulee ciinca'aa ka Rabbii ka diiggame deebisee ijaare. Akka Rabbi maqaa ijoollee «Israa'elii» gosa kudha lama jedhee worra Yaaqoobiin irraa dhalataniin maqaa gosa kudha lamaatiin Eeliyaas dhagaa kudha lamaa fuudhee, Maqaa Rabbiitiif hulee ciinca'aa ijaaree naannaya hulee ciinca'aa sanitti boolla bisaan waabaa kudha afurii qabatu qotee, Qoraan irratti dareersee mirgoo qalee foon isaa hulee maraa irraa mummuree qoraan dareerse san irra kaayee, «Bisaan waabaa afurii guutuu ciincaa gubamuu fi qoraan irratti jissaa'a» jedhe; «Ammallee itti eda'aa'a» jedhe; isaanillee akkuma inni isaaniin jedhe godhan; «Ammallee sadeessaa'a» jedhe hennaa sadeesso'oollee akkasuma godhan. Bisaan hulee ciinca'aa irratti jissan boolla ol guute. Hennaan ciincaan galgala ciinceessan dhiyaate raattichi Eeliyaas itti dhiyaatee «Yaa Waaqa Abrahaamii! Waaqa Yisaaqii! Waaqa Israa'elii! akka ati Waaqa Israa'elii taate, akka anillee garbicha kee ta'e waan kanniin maraa akka maqaa keetiin godhe adha haa mudhatu. Akka ati Waaqa taate, baniin kunillee akka ati gara kee isaan deebifte akka beekan naa dhagayii naa deebis!» jedhe. Achiin maayessa ibiddi Rabbii bu'ee ciincaa gubamu qoraan dhagaa, biyyeellee gube; bisaan boolla keessa jirullee hin gosse. Baniin maruu haga waan kana argan kallachaan gad kufanii «Rabbi inni Waaqa! Rabbi inni Waaqa!» jedhan. Eeliyaas «Raattota Ba'aalii keessaa namni tokkollee dheessee akka hin baane qabaa'a!» isaaniin jedhe; baniinillee isaan qaban, Eeliyaasillee isaan fuudhee laga Qiisoonii fidee achitti isaan goorraasise. Kanaan maayessa Eeliyaas Aki'aabiin «Kirfaffuun roobaa waan guddaa ta'eef ka'ii nyaadhuu dhugii deemi» jedheen. Aki'aabi waa nyaatee dhugu'uuf baye; Eeliyaas gara gaara Qarmeloosii ol bayee taa'ee mataa ufii jilba ufii lamaan jidduu kaayatee kallachaan gad kufee kadhate, nama isaa hojjatuun «Ka'ii gara galaanaa laali» jedheen; innillee bayee laalee deebi'ee womaa hin jiran jedhe; ammallee harka torbaa deddeebi'ii laali» jedheen; namni isaa hojjatu sunillee harka torbaa deddeebi'ee laale, Hennaa torbeesso'ootitti «Duumessa ganaa namaa geettu ta galaana keessaa baatu arge» jedhe; inni «Aki'aabiin bira dhaqii ‹akka roobni deemuu si hin dhooggine konkolaataa fardaa fe'adhuu bayi› jedhiin» jedhe. Hennaa diqqo'oon maayessa samiin duumessaa fi bubbe'een dukkanaayee rooba guddaa roobuu jalqabe; Aki'aabi konkolaataa fardaa ufii yaabbatee gara Iyiziraa'elii dhaqe. Hunni Rabbii waan Eeliyaasiin irra bu'eef inni uffata ufii mudhi'itti hidhatee haga balbala Iyiziraa'elii gawutti Aki'aabiin afo'otti fiiga'aa ture. Aki'aabi akka Eeliyaas waan kanniin maraa godhe, raattota maraa akka guraade'een ajjeese Eelzaabeelitti hime. Eelzaabeelillee «Boru hennaa tana anillee waan ati raattota san irratti goote yoo si godhuu baadhe, waaqoleen kiyya na haa ajjeesan!» jettee dhaamsa gara Eeliyaasii ergite. Eeliyaas guddisee sodaatee lubbuu ufii oolchu'uuf nama isaa hojjatu woliin gara qachaa Beersaabeehii Yihuudaa keessatti argamtuu hojjataa ufii achitti dhiisee dhaqe. Inni deemsa guyyaa tokkoo guutuu deemee dhittacha takka jala taa'ee «Yaa Rabbi! ani abboota tiyya hin caaluu amma na gayaa lubbuu tiyya fudhu!» jedhee akka du'u kadhate. Kanaan maayessa inni mukattii dhittachaa san jala ciise; akkuma inni ciiseen hirribni isa fudhatee rafe; maleekkaan Rabbii tuqee isa kaasee «Ka'ii waa nyaadhu» jedheen. Yoo ol ka'ee laalu uf biratti xorosho'oo fi bisaan xuwwe'een jiru argee fuudhee nyaatee dhugee deebi'ee rafe. Maleekkaan Rabbii hennaa lammeesso'ootiif tuqee isa kaasee «Karaan deemtu fago'oo ka'ii waa nyaadhuu dhugi!» jedheen. Innillee ka'ee waa nyaatee dhugee hunna saniin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa haga Kooreebii gaara Rabbii deeme. Akkuma achi gayeen goda tokko keessa seenee achi bule; uduu inni goda san keessa jiru dubbiin Rabbii «Eeliyaas! maal asii goota?» ka jedhu gara isaa dhufe. Eeliyaas «Ani guddisee Rabbii Waaqa banii maraatii hinaafeera; waan ijoolleen Israa'elii waadaa si woliin galan didaniif, waan hulee ciinca'aa kee diiganiif waan raattota kee guraade'een fixaniif isaan keessaa anuma calla'atu hafe, isaan na ajjeesuu barbaadan» jedhe. Rabbi Eeliyaasiin «Hulee jirtuu ka'ii qaccee gaaraa irra na afoo dhaabadhu» jedheen; achiin maayessa Rabbi isa biraan lufee bubbee jabaa ergee dhagaa babbaqassee caccabse; garuu Rabbi bubbee san keessa hin jiru; haga bubbeen sun dhaabate lafti hin raafamte, Rabbi garuu raafama lafaa san keessa hin jiru. Haga lafti raafamteen maayessa ibiddatu bobaye; ibidda bobawu san keessa garuu Rabbi hin jiru; ibidda bobayeen maayessa laagaan tokkollee hin sokossine. Eeliyaas haga waan kana dhagaye fuulatti haguuggatee bayee goda afoo dhaabate; achiin maayessa «Eeliyaas maal asii goota?» Laagaa jedhu dhagaye. Eeliyaasillee «Ani Rabbii waaqa banii maraatii guddisee hinaafeera; ijoolleen Israa'elii waadaa si woliin galan waan dhiisaniif, waan hulee ciinca'aa kee diiganiif, waan raattota tee guraade'een fixaniif, isaan keessaa anuma calla'atu hafe, isaan garuu na ajjeesuu barbaadan» jedhe. Rabbi Eeliyaasiin «Karaa lafa gammoojji'ii ka duraan keessa dhufte keessaan gara Damaasqo'oo deebi'i, hennaa achi geette biyya Sooriya'aa irratti akka moowu Azaaheliin muudi, Biyya Israa'elii irratti akka moowu ilma Naameesii Iyyuu muudi akka bikka kee raatticha ta'u ilma Saafixii Eelsaa'ii nama biyya Abelmihoola'aa muudi, Nama guraadee Azaahelii jalaa baye maraa Iyyu'utu ajjeesa; ka Iyyuu jalaa baye maraa Eelsaa'itu ajjeesa, Ani worra Israa'elii keessaa ka waaqolee tolfamaa Ba'aaliif hin sagannee fi ka isa hin dhunganne namoota kuma torbaa ufiif hambifadheera» jedheen. Achiin maayessa inni achii deemee ilmi Saafixii Eelsaa'i uduu sangoota morma kudha lamaatiin lafa qotu, inni uduu sangaa morma kudha lammeesso'ootiin qotu argee Eeliyaas qoola ufii uffatu mulqatee itti darbee irra buusee bira lufe. Hennaa kana Eelsaa'i sangoota ufii dhiisee gara Eeliyaasii fiigee «Ani abba'aa fi haadha tiyya nagaya itti dhaamadhee dhufaa na hoffolchi; achiin maayessa si faanaa deemaa» jedheen; Eeliyaasillee «Ka'ii dhaqi ani si hin dhoogginee» jedheen. Achiin maayessa inni isa biraa deebi'ee sangoota lamaa fuudhee qalee affeelee bani'ii kennee nyaachisee ka'ee Eeliyaasiin faanaa deemee isaa hojjata'aa ture. Wolda'aadeer mootiin Sooriya'aa loltoota ufii maraa hulee tokkotti wolitti qabee mootota Soddomii lamaa ka farado'oo fi konkolaataa farado'oo qaban woliin duulee Samaariyaa qachaa guddoo Israa'elii marsee loleen. Achiin maayessa mootichi Wolda'aadeer gara mootii Israa'elii Aki'aabitti ergee, «Birriin, worqiin, dubartoonni ati fuutee fi ijoolleen tee babbareedan tiyya» jedhee dhaamsa itti erge. Mootichi Israa'eliillee deebisee, «Gooftaa kiyya! akkuma ati jette anii fi wonti ani qabu maruu keeti» jedhe. Akkasuma worri ergaman deebi'anii «Wolda'aadeer akkana jedha dura birrii, worqii, dubartootaa fi ijoollee teellee naa kennita» jedhee sitti ergee ture. Borullee hennaa kana garboota tiyya sitti erga; mana keetii fi manniin garboota keetiillee hin saaman; waan isaanitti tolu maraa saamanii fudhatanii deemu'uuf ta'ana!» jedhan. Mootiin Israa'elii jaarsota biyyaa mara waamee, «Ila namni kun hammeenna barbaada'aaraa inni waan dubartoota, ijoollee, birri'ii fi worqii kiyyaatiif natti erge ani hin dinne!» jedhe. Kanaan maayessa jaarsonninii fi baniin maruu, «Waan inni siin jedhe hin dhagayin, maarre hin jedhiniinille'e!» jedhaniin. Kanaafuu inni ergamtoota Wolda'aadeeriitiin «Mootii gooftaa kiyyaan waan ati ana garbicha keetitti ergite maraa hin raawwadha, kana garuu sii raawwachuu hin danda'u jedha'aatii isatti himaa'a» isaaniin jedhe. Worri ergamanillee akkuma inni isaaniin jedhe deebi'anii isatti himan. Wolda'aadeer deebisee loltoota lafa Samaariya'aa irra gara galchee ‹Haga biyyeen Samaariya'aatuu cum'oo ganaa tokkoo isaanii taatutti yoo si irra gara hin galchine waaqoleen ani waaqeffadhu na haa balleessan» jedhee dhaadatee deebisee isatti erge. Mootichi Aki'aabillee loltuun dhuga'aan dhaadatuu ka barbaachisu haga lolee mooyateen maayessa malee lolaan duraa miti jedha'aa mooticha Wolda'aadeeritti himaa'a» jedhee dhaamsa isatti erge. Wolda'aadeer haga waan kana dhagaye mootota woliin daasee keessatti dhuddoo dhuga'aa ture; inni garboota ufiitiin, «Lolaaf hiriiraa'a» isaaniin jedhe; isaanillee fuulaan gara qachatti'ii laalanii hiriiran. Raattichi gara Aki'aabii mootii Israa'elii dhaqee, «Rabbi duula lolaa kana mara arga'aartaa? Ani adha akka ati isaan mooyattu si taasisa, yoo san akka ani Rabbiin ta'e beetta siin jedha» jedhe. Aki'aabi deebisee, «Namni lolaaf afoo deemu eennu?» jedhee gaafate; raattichillee deebisee, «Bulchoota biyya bulchanii fi dargaggeeyyi'i» jedhe. Mootichi, «Ka firrisee lolu eennu?» jedhe; raattichi «si'i» jedheen. Mootichi namoota dhibba lamaa fi soddomii lamaa ka bulchiinsa godinaa jala jiran dargaggeeyyi'ii fi loltoota worra Israa'elii namoota kuma torbaa waamee wolitti qabe. Mootonni mootii Wolda'aadeeriin woliin waadaa qaban soddomii lamaanuu daasee ufii keessatti guyyaa wodhakkaa hennaa isaan dhuganii machaayanitti loltoonni Israa'elii isaanitti nam'anii, «Loltoonni ka'immanii firrisanii afo'otti hennaa bayan eeddoonni Wolda'aadeer erge gareen loltuu tokkoo Samaariya'aa yaa'ee garana as dhufa'aara» jedhanii Wolda'aadeeritti himan. Inni garuu isaaniin «Lolaaf yookaan nagayaafillee yoo dhufan isaan qaba'aa naa fidaa'a» isaaniin jedhe. Bulchoonni qachaa bulchan, dargaggeeyyiin qachaa keessaa bayan; loltoonnillee isaan faanaa deeman. Loltoonni maruu nama isaan afoo jiru ajjeefnaan worri Sooriya'aa hin dheessan; worri Israa'eliillee isaan ari'an; mootiin biyya Sooriya'aa garuu worra fardaa hagoo woliin dheessee jalaa baye. Mootiin Israa'elii deemee worra gaarii fardaa oofanii fi worra farado'oon lolan ka biyya Sooriya'aa akka bada'atti woraanaan isaan fixe. Achiin maayessa raattichi gara mootii Israa'elii dhaqee mootiin biyya Sooriya'aa bara dhufu gara kee waan dhufuuf jabaadhu loltoota kee leenjisii qopheessi mala ittiin loltullee qopheeffadhu jedheen. Bulchoonni goshoo Wolda'aadeerii mootichaan akkana jedhan «waaqoleen worri Israa'elii waaqeffatan waaqa gaaraati; wonti isaan nu mooyataniif waan waaqa gaaraa waaqeffataniif; uduu raasa'atti isaaniin lollee nu silaa isaan mooyanna. Kanaafuu bulchoota soddomii lamaanuu hulee ajajaa loltootaa irraa buusiitii bikka isaanii namoota biraa ka woraana ajaju muudi. Loltoota fardaatii fi loltoota konkolaataa fardaa ka haga worra armaan dura dhuman gawu loltoota hedduutii fi farado'oo fi gaarii fardaa haguma ka duraanii qopheessii achiin maayessa worra Israa'elii raasa'atti isaaniin lollee mooyannaa jennaan mootichi Wolda'aadeer waan isaan jedhaniin wolii galee raawwachu'uuf murteesse.» Bara itti aanu mootiin Wolda'aadeer loltoota biyya Sooriya'aa hiriirsee worra Israa'eliitiin lolu'uuf gara qachaa Yaafeeqii dhaqe. Worri Israa'eliillee isaaniin lolu'uuf hulee lamatti hiramanii worra Sooriya'aatiin lolu'uuf raasaa worri Sooriya'aa itti quphataniiran afo'otti quphatan; laakkobsi loltoota Israa'elii garuu baay'inna loltoota biyya Sooriya'aatiin yoo wolitti bikkamu gobbuu ilmoolee re'iin hago'oo ka bakka lamatti hiramte fakkaatan. Raattichi Rabbii gara mootii Israa'elii dhaqee «Rabbi akkana siin jedha; worri Sooriya'aa Rabbiin keessan waaqa gaaraati malee waaqa dhooqaatii miti waan jedhaniif loltoota baay'ee kanniin maraa akka mooyattu si taasisa; anillee akka Rabbiin ta'e atii fi baniin keellee hin beettan jedhiin» jedheen. Loltoonni biyya Sooriya'aatii fi loltoonni worra Israa'elii wolitti bayanii haga guyyaa torbaa wol lola'aa turan; guyyama san worri Israa'elii loltoota worra Sooriya'aa ka lafo'oo kuma dhibba tokko fixan. Achiin maayessa worri du'a jalaa hafe gara qachaa Yaafeeqiititti baqatan; achitti loltoota laakkobsi isaanii haga kuma diddamii torbaa gawu dalloofni qachattii sanii isaan irratti jigee dhuman; Wolda'aadeer dheessee gara qachatti'ii galee mana tokko keessa seenee gara duubaatitti dhokate. Garboonni isaa isa bira dhaqanii, «Mootonni Israa'elii akka isaan worra namaa dhiisu ta'an dhageenneerra; kanaafuu uffata gaddaa mudhi'itti hidhannee haada mata'atti marannee mootii Israa'elii bira dhandhee akka araara gaafannu nu hoffolchi; maal laataa inni lubbuu tee si oolchuu danda'aa» jedhaniin. Kanaan maayessa isaan uffata gaddaa mudhi'itti hidhatanii, haada mata'atti maratanii mootii Israa'elii bira dhaqanii «Garbichi kee Wolda'aadeer akka dhiifamsa naa gootu si kadhadha› jedheera» jedhaniin; innillee «Amma inni lubbu'uun jiraa? inni obboleessa kiyya» jedhe. Goshoonni mooticha Wolda'aadeerii waan dhaamsa araaraa eega'aaraniif Aki'aabi hennaa inni obboleessa kiyya jedhu dhagayan; yoma san afaanuma isaa irratti «Akkuma ati jette Wolda'aadeer dhugamaan obboleessa keeti» jedhaniin; Aki'aabi «Gara kiyya as fidaa'a» isaaniin jedhe; haga Wolda'aadeer gara isaa dhufe Aki'aabi gaarii fardaa irra akka ol bayee taa'u waame. Wolda'aadeer mootichaan, «Qachoota abbaan kiyya abbee irraa fudhate sii deebisa; akkuma Samaariyaa keessatti gabayaa dhaabe atillee qachaa Damaasqo'oo keessatti gabayaa dhaabda» jedheen. Aki'aabillee deebisee «Anillee waan kana irratti waadaa siif gala» jedhee waadaa wolii galanii akkanumaan gad isa dhiise. Worra raattotaa keessaa namni tokko «Akka Rabbi si ajajetti na dhayi» jedheen; namichi garuu dhawu'uunii dide. Raattichi na dhayi isaan jedhe sun «Waan ajaja Rabbii diddeef akkuma na biraa deemteen leenci si ajjeesa» jedheen; akkuma inni isa biraa deemeen leenci kara'atti qabee ajajeeseen. Achiin maayessa hennaa lammeesso'oo nama biraa argee, «Na dhayi» jedheen; inni dhayee isa madeesse. Raattichi sun akka eennullee isa hin beenne waa fuulatti haguuggatee deemee mootii Israa'elii ka karaa irra lufu eegu'uuf karaa irra dhaabate. Mooticha karaa irra deemu argee inni isa bira lufu'uuf taanaan raattichi isa waamee akkana jedheen «Mootii kiyya; ani lola'aa ture; amma achii dhufa'aara; achitti loltoota keessa namni tokko worra diinaa keessaa nama tokko booji'ee dhufee nama kana eegi, yoo inni si harkaa baye bikka isaa situ du'a yookaan birrii kiiloo soddomii afurii ta'u kaffalta› naan jedhe» jedheen. Namichi garuu «Uduu ani hujiin natti guddatee asii fi achi fiigu bayee na jalaa bade» jedheen; mootichillee ati waan ufitti murteessiteef adabamuu si barbaachisa» jedheen. Raattichi uffata fuulatti haguuggateeru daddafee uf irraa mulqe mootichi yoma san nama gosa worra raattotaa akka ta'e beeke. Kanaan maayessa raattichi mootichaan akkkana jedhe «Wonti Rabbi jedhe kana; nama ani haa du'uu jedhee itti murteesse akka inni miliqee bawu waan gooteef bikka isaa ati du'aan adabamta baniin kee bikka banii isaa bada» jedheen. Mootiin Israa'elii aaree gara mana ufii galee achiin maayessa gara biyya Samaariya'aa dhaqe. Namni Naabutee jedhamu Iyiziraa'elaawichi tokko mana mootumma'aa ka Aki'aabii biratti hulee woyinii itti dhaabatu qaba ture. Aki'aabi Naabute'een «Lafti tee tun mana kiyyatti waan dhiyaattuuf biqiltuu woyini'ii itti dhaabadhaa lafa tee tana naa kenni yookaan garuu yoo barbaadde haga lafti tee baaftu sii kennaa» jedheen. Naabuteen deebisee Aki'aabiin, ‹Waan lafa abboota tiyyaa sii kennuuf Rabbi naa haa didu› » jedheen. Naabuteen namichi gosa Iyiziraa'elii waan inni Aki'aabiin «Lafa abboota tiyyaa sii hin kennu» jedheef lolee aaree gara mana ufii galee waa maratee siree ufii irra ciisee xoroshoo nyaachuu dide. Haati manaa isaa gara isaa dhaxxee «Wonti gadditee waa nyaachuu didduuf maali'i?» jetteen. Innillee isi'iin Naabuteen gosa Iyiziraa'elii hulee woyinii kee itti dhaabde natti gurguri, yookaan yoo feete bikka isaa hulee woyinii itti dhaabattu ka biraa sii kennaa jennaan inni garuu hulee woyinii itti dhaabadhu sii hin kennu waan naan jedheef» isi'iin jedhe. Haati manaa isaa Eelzaabeel, «Ati akka kanaan banii Israa'elii bulchitaa? amma ka'ii waa nyaadhuu gammadi; lafa dhaaba woyini'ii ka Naabutee gosa Iyiziraa'elii akka argattu hin godhaa» jetteen. Achiin maayessa isiin maqaa Aki'aabiitiin xalayaa barreessitee, chaappaa itti dhooftee gara jaarsotaatii fi worra baallii qaban ka qachattii san keessa jiraatanii fi worra Naabutee woliin taa'anitti ergite. Xalayaan akkana jedha, «Sooma guyyaa tokkoo labsaa'a; baniillee wolitti qabaa'a; Naabute'eef hulee ulfinnaa kennaa'a; nama lamaa ka mootichaa fi Rabbiin arrabseera jedhanii worra sobaan ragan dhiyeessaa'a; achiin maayessa Naabutee qachattii keessaa baasa'aatii dhaga'aan dhaya'aa isa ajjeesaa'a» jette. Namoonni qachattii keessa jiraatanii fi namoonni baallii qaban akkuma Eelzaabeel isaan ajajje akkuma xalayaa san irra jiru godhan. Labsii soomaa labsanii Naabuteellee banii afoo dhaabsisan. Namoonni lamaan sobaan ragan sunniin dhufanii Naabutee afoo taa'anii Naabuteen mootichaa fi Rabbiinillee arrabseera jedhanii banii afo'otti sobaan itti ragan; achiin maayessa qachattii keessaa isa baasanii dhaga'aan dhayanii isa ajjeesan. Namoonnillee «Naabuteen dhaga'aan tumamee du'eera» jedhanii Eelzaabeelitti dhaamsa ergan. Eelzaabeel akka Naabuteen dhaga'aan tumamee du'e haga dhageette Aki'aabiin «Naabuteen gosa Iyiziraa'elii waan du'eef hulee woyini'ii ka inni birri'iin sitti gurguruu dide dhaqii dhaali» jetteen. Aki'aabi akka Naabuteen gosa Iyiziraa'elii du'e haga dhagaye, hulee woyini'ii san dhaalu'uuf dhaqe. Achiin maayessa dubbiin Rabbii gara Eeliyaasii Teesibichaa ka akkana jedhu dhufe, «Ka'ii gara Aki'aabii mootii biyya Samaariya'aa dhaqi; akka inni lafa woyinii Naabute'ee dhaalu'uuf achi dhaqeeru argitaa» jedhe. Eeliyaas Aki'aabiin «Rabbi akkana siin jedha; isa ajjeeftee lafa isaa dhaalu'uuf kaatee? Rabbillee hulema dhiiga Naabute'ee sariin itti arraabdetti dhiiga keellee sariin achumatti arraabdi› jedhii itti himi» jedheen. Aki'aabi Eeliyaasiin ati diina kiyya! na argitee? Jedheen innillee akkana jedhee deebiseef Ee si argeera, Ati Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatu'uuf cubbu'uu uf kennite. Ani amma waan badaa sitti fida, sirima si balleessa maatii kee keessaa garbicha ta'ee'e wolabticha dhiira maraa hin balleessa. Ati na afo'otti waan hamaa hojjattee na aarsitee, worra Israa'eliillee waan dogoggorsiteef maatii kee akka ilma Naabaaxiitii fi akka Ba'oosii ilma Akiya'aa godha. Akkasuma Rabbi waan Eelzaabeelii dallawa qachaa Iyiziraa'elii laddatti reeffa isi'ii sariintu nyaata jedhee dubbate. Maatii Aki'aabii keessaallee worra qachattii keessatti dhuman sariintu nyaata; ka raasaa keessatti dhuman garuu allaatti'itu nyaata. Namni akka Aki'aabii ka Rabbiin afo'otti waan hama'aaf dabarsee uf kenne, namni akka isaa ka haati manaa masakkite hin jiru. Inni akka worra Amoorotaa ka Rabbi worra Israa'elii afo'oo ari'ee san cubbuu isaan hojjatan hojjate, waaqa tolfamaa isaan waaqeffatan waaqeffatee waan hamaa guddisee hojjate. Aki'aabi haga waan kana dhagaye uffata ufii tarsaasee uffata gaddaa uffatee waa nyaachuu didee akkuma uffata gaddaa uffateen rafe; hennaa ka'ee deemullee waan guddisee rakkata'aa tureef fuula bade. Biyyi Sooriya'aatii fi worri Israa'elii uduu wol hin lolle haga woggaa sadihii nagayaan turan. Woggaa sadeesso'ootitti mootichi biyya Yihuuda'aa Iyyoosaafixi gara mootii Israa'elii dhaqe. Mootiin Israa'eliillee worra biyya bulchaniin «Reemaatiin biyya Gala'aadii keessatti argamtu akkuma teenna taatee fi nullee mooticha biyya Sooriya'aa irraa fudhachuun keenna akka hin oolle hin beettanii?» isaaniin jedhe. Mootichi Iyyoosaafixiin, «Waan Reemaatii biyya Gala'aadii keessatti argamtuutiif lolu'uuf baya'aarraa na woliin baataa?» jedheen; Iyyoosaafixi mootii Israa'eliitiin «Ani keeti; baniin kiyya banii keeti; faradoon tiyyallee faradoo teeti» jedheen. Iyyoosaafixi mootii Israa'eliitiin, «Garuu dura akka fedha Rabbii gaafattu si kadhadha» jedheen. Mootiin Israa'elii raattota haga nama dhibba afurii gayan wolitti qabee «Waan Reemaatii biyya Gala'aadii keessa jirtuutiif lolaaf hin deema mo'o hin dhiisa?» jedhee isaan gaafate; raattonni, «Rabbi akka ati mooyattu waan godhuuf woliin bayi» jedhaniin. Iyyoosaafixi garuu, «Raanni Rabbii ka biraa ka ammallee deebinee waa gaafannu hin argamuu?» jedhe. Mootichi Israa'elii deebisee Iyyoosaafixiin, «Namni waan fedha Rabbii gaafannu ilmi Yimla'aa Mikkiyaas hin jira; inni garuu raaga badaa malee raaga mishaa naa hin raagu; kanaafuu ani isa hin jaaladhu!» jedheen; Iyyoosaafixi, «Akkana dubbachuun si hin barbaachisu!» jedheen. Kanaan maayessa mootiin Israa'elii worra isa woliin hojjatu keessaa nama tokko waamee «Mikkiyaasii ilma Yimla'aa dafii naa fidi» jedheen. Mootiin Israa'eliitii fi mootiin biyya Yihuuda'aa Iyyoosaafixi uffata mootumma'aa uffatanii teessoo ufii ka mootumma'aa ka seensa balbala Samaariya'aa jiru irra taa'anii raattonni maruu afoo isaanii dhaabatanii raaga'aa turan. Sedeqiyaas ilmi Kini'aana'aallee sibiila irraa gaafa hojjatee «Rabbi worri Sooriya'aa kunniin haga dhumanitti ati isaaniin lolta jedhiin» jedhe. Raattonni maruu «Reemaatii biyya Gala'aadii keessaatitti duuli Rabbi isii si jala taasisaa» jedha'aa raaga'aa turan. Namichi raatticha Mikkiyaasiin haa waamu'uuf ergame, «Raattonni maruu afaan tokko ta'anii waan mishaa mootichatti dubbata'aaranii dubbiin ati dubbattullee akkuma isaanii dubbii mishaa akka ta'u si kadhadha» jedheen. Raattichi Mikkiyaas deebisee «Ani Rabbii jiraata'aan kakadhaa; ani waan Rabbi natti dubbate callaa dubbadha» jedhe. Akkuma raattichi Mikkiyaas mooticha bira gayeen mootichi «Ani gara Reemaatii Gala'aadii lolaaf hin deema mo'o hin hafa?» jedheen. Innillee deebisee «Dhaqii loli Rabbi si jala taasisaa» jedhee deebiseef. Mootichi deebisee raattichaan «Maqaa Rabbiitii waan dhuga'aa malee waan biraa akka natti hin dubbanne harka meeqa sitti hima?» jedheen. Raattichi Mikkiyaas, «Baniin Israa'elii maruu akka hoolota tissee hin qabneetitti gaara irratti ka bittinnaayaniiran arge; Rabbi ‹baniin kunniin maruu waan mootii hin qabneef nagayaan gara mana ufii haa deebi'anii› jedhee natti hime» jedhe. Mootichi Israa'elii Aki'aabi Iyyoosaafixiin «Inni raaga badaa malee raaga mishaa naa hin raagu jedhee sitti hin himnee?» jedheen. Raattichi Mikkiyaas deebisee akkana isaan jedhe, «Eeganaa ati dubbii Rabbii dhagayi; Rabbi teessoo ufii irra taa'ee maleekkonni sami'ii maruu bita'aa fi mirga isaatiin ka dhaabataniiran arge. Rabbi akka mootichi Aki'aabi gara Reemaatii Gala'aadii dhaqee achitti du'u ka isatti himee isa dogoggorsu eennu? jedhe; maleekkota keessaa tokko yaada tokko, maleekkota keessaa gareen tokko garuu waan biraa hima'aa yaada gara garaa hima'aa turan. Kanaan maayessa hafuurri badaan tokko Rabbiin afoo dhaabatee ‹Ani dogoggorsuu hin danda'a› jedhe. Rabbi «Maali'iin dogoggorsita?» jedheen; hafuurri badaan sun dhaqee afaan raattota Aki'aabii keessa taa'ee akka isaan raaga dharaa dubbatan godha» jedhee deebiseef; Rabbillee «Eega jette dhaqii akkuma jette godhi sii ta'aa» jedheen. Mikkiyaas «Eeganaa wonti murtaaye kanaa, raattonni tee tunniin akka raaga sobaa raagan ka taasise Rabbi; kanaafuu Rabbi si irratti waan hamaa godhu'uuf ufumaa murteesse» jedhee raawwate. Kanaan maayessa ilmi Kini'aana'aa Sedeqiyaas gara raatticha Mikkiyaasii dhiyaatee dhabanaaseenii Hafuurri Rabbii na irra lufee ka sitti dubbate yoomii as?» jedheen. Mikkiyaas deebisee, «Gaafa balbala dawo'ootiin gola seentee dhokatte beetta» jedheen. Mootichi Israa'elii loltoota ufii keessaa nama tokkoon «Mikkiyaasiin qaba'aatii gara bulchaa qachatti'ii gara mootii Iyyoosiyaasii ilma Amoonii fida'aatii, Akkana jedha'aa itti kennaa'a; mootichi haga ani lolaa nagayaan deebi'utti nama kana mana hidha'aa tursiisaa'a, xoroshoo goga'aa fi bisaan callaa kenna'aafii siin jedha jedha'aanii» jedhe. Mikkiyaas mootichaan, «Yoo ati nagayaan hulee lolaatii deebite Rabbi na irraan hin dubbanne jechu'u» jedhe; ammallee deebi'ee laagaa ufii ol qabatee «Baniin as jirtan kunniin maruu waan ani dubbadhe kana maraa qalbi'iin na dhagayaa'a» isaaniin jedhe. Kanaan maayessa mootiin Israa'elii Aki'aabii fi mootiin biyya Yihuuda'aa Iyyoosaafixi gara Reemaatii Gala'aadiin keessatti argamtuu dhaqan. Mootiin Israa'elii Iyyoosaafixiin «Uffata jijjiiradhee, uffata lolaa uffadhee, lola keessa seenaa ati garuu uffatuma kee uffadhu» jedheen; mootiin Israa'elii uffata ufii jijjiiratee lola keessa seene. Mootiin biyya Sooriya'aa bulchoota worra gaarii fardaa oofan soddomii lamaanuu «Mootii Israa'elii malee nama diqqa'aa fi gudda'aanille yoo ta'e eennuunuu wol hin lolinaa'a» jedhee isaan ajajee ture. Kanaafuu isaan hennaa mooticha Iyyoosaafixiin argan mootii Israa'elii seeyanii isa dhayu'uuf marsinaan Iyyoosaafixi iyye. Bulchoonni worra gaarii fardaatiin lolanii akka inni mootii Israa'elii hin taane haga argan isa dhiisanii biraa deeman. Garuu akkuma tasaa loltoota worra Sooriya'aa keessaa namni tokko ebo'oon darbatee mootii Aki'aabiin mudhii isaa woraannaan Aki'aabi namicha gaarii fardaa oofuun «Ani woraannameeraa farda hiriira lolaa keessaa gara raasa'aa na baasi» jedheen. Gaaf san hennaa lolli jabaate mootichi Aki'aabi banii Sooriya'aa afo'otti gaarii fardaa ka ufiititti irkatee ture; dhiinni madaa isaa keessaa jigu gaarii fardaa garaa jalaan jige; inni guyyama san galgala du'e. Hennaa aduun dhiyuu geette «Ajanyi mootichi waan du'eef namni maruu gara biyya ufiitii fi gara qachaa ufii haa galuu jedhu worra duula ajaju ka Israa'elii irraa baye. Mootichi Aki'aabi akkanatti du'ee reeffa isaa Samaariyaa fidanii achitti awwaalan. Gaarii fardaa ka mootichi irratti du'e haroo Samaariya'aa ka seebartoonni keessatti dhiqattutti dhiqan; akkuma Rabbi tanaan dura dubbatetti sariin dhiiga isaa arrabde. Wonti mootichi Aki'aab bara ufii bulche keessatti hojjate maruu, manni inni ilkaan Arbaatiin ijaare, qachoonni inni ijaare maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera. Aki'aabi du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalamanitti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Akaaziyaasitu mooye. Mootiin Israa'elii Aki'aabi mooyee woggaa arfeesso'ootitti ilmi Aasa'aa Iyyoosaafixi biyya Yihuuda'aa irratti mooye. Iyyoosaafixi hennaa moowu ka'ima woggaa soddomii shanii ture; Yerusaalemiin keessatti woggaa diddamii shanii mooye; haati isaa mucattii Shilihii ta Azubaa jedhamtu turte. Iyyoosaafixi akkuma mootii Aasaa isaan duraa, Rabbiin afo'otti waan mishaa ta'e maraa hojjatee, garuu hulee worri ormaa waaqa tolfamaa ufii itti waaqeffatan hin balleessine; kanaafuu baniin hulee sanniinitti ciincaa dhiyeessu'uu fi hixaana aarsuu hin dhiifne. Iyyoosaafixi mootii Israa'eliitiin araaramee nagaya ta'an. Wonti mootichi Iyyoosaafixi bara ufii bulchu hojjate keessa ka hafee fi attamitti akka lole galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera. Iyyoosaafixi dhiiraa fi dubartoota seebaran ka hulee waaqa tolfamaa itti waaqeffatan ka bara abbaan isaa Aasaan bulchu irraa jalqabanii jiran maraa balleesse. Bara san biyyi Edoomiyaasii bulchaa isii bulchu hin qabdu turte; sababaa kanaaf nama mootiin biyya Yihuuda'aa muudu jalatti bulti. Mootiin Iyyoosaafixi galaana guddaa gama ceeyanii worra oofirii worqii fidaniif markaba hedduu ka akka markaba Tersesii hojjachiisee ture; garuu Markaboonni Itsiyoongaabiritti waan caccabaniif deemuu hin dandeenne. Achiin maayessa ilmi Aki'aabii Akaaziyaas Iyyoosaafixiin hojjattoonni tiyya hojjattoota tee woliin haa deemanii jennaaniin Iyyoosaafixi dide. Iyyoosaafixi du'ee qachaa abbaa ufii ka Daawitii keessatti hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Iyyooraamitu mooye. Bara Iyyoosaafixi biyya Yihuuda'aa irratti mooye woggaa kudha torbeesso'ootitti ilmi Aki'aabii Akaaziyaas biyya Samaariya'aatitti woggaa lamaaf Israa'eliin irratti mooye. Inni Rabbiin afo'otti waan hamaa abbaan isaa Aki'aabii fi haati isaa Eelzaabeel Israa'eliin irratti hojjatan hojjate. Akkuma abbaa ufii waaqa tolfamaa ba'aaliin waaqeffata'aa sagadeefii tajaajila'aa Rabbii Waaqa Israa'elii aarse. Mootichi Aki'aabi haga du'een maayessa Moo'aab Israa'eliin irratti ka'e. Hennaa san Akaaziyaas biyya Samaariya'aatitti gamoo irra jiru irraa kufee waan madaayeef dhibamee ture; inni, «Mee akka ani dhibee kana irraa fayyuuf hin fayyine waaqa tolfamaa Aqaaroonii ka biyya Filisxeemii Bi'eelzebuuliin dhaqa'aa naa gaafadhaa'a» jedhee ergamtoota ufii erge. Garuu maleekkaan Rabbii Eeliyaasii raatticha gosa Teesbi'iitiin, «Ka'iitii worra dhaamsaan deeman ka worra Samaariya'aa bira dhaqiitii, ‹Isin wonti waaqa tolfamaa Aqaaroonii Bi'eelzebuuliin gaafachu'uuf deemtaniif biyya Israa'elii keessa Waandhi hin jiru jettanii waan yaaddaniifii?› Kanaafuu Rabbi, ‹Ati hin duuta malee hin fayyitu; siree irra ciifteertu irraallee hin kaatu siin jedheera!› jedha'aanii› jedhi» jedheen. Kanaaf Eeliyaasillee akkuma Rabbi isa ajaje godhe; Worri ergaman gara Akaaziyaasii deebinaan Akaaziyaas, «Maaf deebitan?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee mootichaan, «Namni woyii kara'atti nutti dhufee gara mooticha isin ergee deebi'a'aatii Rabbi akkana siin jedha, ‹Wonti ati waaqa tolfamaa Aqaaroonii Bi'elzebuuliin gaafachu'uuf dhaamsa ergiteef Israa'eliin keessatti Waandhi hin jiru jettee waan yaaddeefii? Kanaafuu ati hin duuta malee dhibee kana irraa hin fayyitu; siree irra ciifte irraallee hin kaatu!› jedha'aa itti himaa nuun jedhe» jedhaniin. Inni, «Namni isinitti dhufee waan kana isinitti hime kun nama attamiiti?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Namichi uffata rifeensa qabu uffatee mudhii ufii sabbataan hidhateera» jedhaniin; innillee «Eeliyaasii nama gosa Teesbi'iiti!» jedhe. Kanaan maayessa mootichi ajajaa loltoota shantamaa nama shantama woliin erge; Eeliyaas yoo san gaara gubbaa taa'eera; innillee, «Nama Rabbii, mootichi gad bu'i siin jedha'aara» jedheen. Eeliyaas deebisee ajajaa loltuu shantamaatiin, «Ani yoo nama Rabbii ta'ee jiraadhe ibiddi Sami'ii bu'ee si'ii fi namoota shantamaa ka si woliin jiran kanniin maraa haa fixu!» jedheen; hennama san ibiddi Sami'ii bu'ee isaa fi namoota shantamaa ka isa woliin jiran fixe. Deebi'ee nama biraa ajajaa loltoota shantamaa namoota shantamaa woliin isatti erge; innillee gara Eeliyaasii dhufee, «Nama Rabbii! mootichi daddafii gad bu'i siin jedha!» jedheen. Eeliyaasillee, «Yoo ani nama Rabbii ta'ee jiraadhe ibiddi Sami'ii bu'ee si'ii fi namoota shantamaa ka si woliin jiran kanniin maraa haa fixu!» jedheen; hennama san ibiddi Rabbii Sami'ii bu'ee isaa fi namoota shantamaa ka isa woliin jiran maraa fixe. Mootichi hennaa sadeesso'ootiif ajajoota shantamaa namoota shantamaa woliin erge; ka sadeesso'oo kun garuu Eeliyaasiin afo'otti jilbiiffatee, «Nama Rabbii! lubbuun tiyyaa fi lubbuun namoota shantamman kanniinii afoo keetitti ulfinna haa argattuu! Kunoo ibiddi Sami'ii bu'ee ajajaa loltoota shantamaa lamaa fi namoota isaan woliin jiran shantama shantama nyaate; amma garuu lubbuun tiyya afoo keetitti kabajjaa haa argattu!» jedhee isa kadhate. Hennaa san maleekkaan Rabbii Eeliyaasiin, «Hin sodaatinii isaan woliin gad bu'i» jedheen; innillee ka'ee isaan woliin mooticha bira dhaqe. Eeliyaas mootichaan, «Rabbi akkana siin jedha; ‹Waan ati waaqa tolfamaa Aqaaroonii Bi'eelzebuulin gaafachu'uuf ergamtoota ergiteef ati hin duuta malee hin haftu!› » jedheen. Akkuma Rabbi Eeliyaasitti dubbate Akaaziyaas hin du'e; inni mootii Israa'eliiti; waan ilma hin qabneef bikka isaa obboleessi isaa Iyyooraam mooye; wonti kun Iyyooraam ilmi Iyyoosaafixii Yihuudaa irratti mooyee woggaa lammeesso'ootitti ta'e. Wonti Akaaziyaas bara ufii bulchu hojjate galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera. Hennaan Rabbi Eeliyaasiin haboonbolatti'iin gara Sami'ii ol fudhatu gaye Eeliyaasii fi Eelsaa'i Gelgela'aa ka'anii deeman; uduu karaa irra jiran Eeliyaas Eelsaa'iin, «Rabbi gara Beeteelii na ergeeraa ati asuma turi» jedheen. Eelsaa'i garuu Eeliyaasiin, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakadhaa sirima si biraa hin fooyamu» jedheen. Kanaafuu isaan lachuu gara Beeteelii dhaqan. Ijoolleen raattotaa ka Beeteeliin jiran gara Eelsaa'ii dhufanii, «Rabbi adha akka gooftaa kee si jalaa fudhachu'uuf ta'u beetteertaa?» jedhanii gaafatan. Eelsaa'illee, «Ee beekeeraa isin garuu cadhisaa'a!» jedhee isaanii deebise. Kanaan maayessa Eeliyaas Eelsaa'iin, «Rabbi gara Iyyaariko'oo na ergeeraa yabo'oo ati asuma turi» jedheen; innillee, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakadhee si biraa hin fooyamu!» jedheen; Kanaaf isaan lachuu gara Iyyaariko'oo dhaqan. Ijoolleen raattotaa ka Iyyaarikoo keessa jiraatan gara Eelsaa'ii dhufanii, «Rabbi adha gooftaa kee akka si irraa fudhatu beetteertaa?» jedhanii gaafatan; innillee, «Ee beekeeraa; isin garuu cadhisaa» jedhee isaanii deebise. Kanaan maayessa Eeliyaas Eelsaa'iin, «Ana Rabbi gara laga Yoordaanosii na ergeeraa yabo'oo ati asuma turi» jedheen; Eelsaa'i garuu, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakadhee si biraa hin fooyamu» jedhee kanaaf isaan lachuu woliin deeman. Ijoollee raattotaa keessaa namoonni shatamaa dhaqanii isaan irraa fagaatanii afoo isaanii hennaa dhaabatan isaan lamaanuu qarqara laga Yoordaanosii dhaabata'aaran. Kanaan maayessa Eeliyaas kaabbaa uffateeru mulqatee maree bisaan dhaye; bisaan addaan qoodamee isaan lachuu lafa gogaa keessa ceeyan. Haga laga ceeyaniin maayessa Eeliyaas Eelsaa'iin, «Uduu ani si biraa hin fudhatamne waan akka ani sii godhu barbaaddu na gaafadhu» jedheen. Eelsaa'illee, «Hafuurri si irra jiru dachaa lamaa akka na irra ta'u si kadhadha» jedhe. Eliyaasillee, «Waan jabaa na gaafatte; garuu hennaa ani si biraa ol fudhatamu yoo na argite sii ta'a; yoo na hin argine sii hin ta'u» jedhee deebiseef. Uduu woliin qaaqa'aa taphata'aa deeman faradoon ibiddaa ka gaarii ibiddaa harkisan dimmaa jidduu isaanii seenanii isaan lachuu adda fooyan; Eeliyaas garuu haboonbolatti'iin ol fudhatame. Eelsaa'i waan kanniin maraa laala'aa, «Abbaa kiyya! abbaa kiyya! ati ka konkolaataa fardaatii fi faradoo Israa'elii taate» jedha'aa gara Eeliyaasii iyye; haga kana jedheen maayessa Eeliyaasiin deebi'ee hin argine; Eelsaa'i guddisee waan gaddeef uffata ufii bakka lamatti addaan tarsaase. Kaabbaa Eeliyaasiin irraa bu'e lafaa fuudhee deebi'ee qarqara laga Yoordaanosii dhaabate. Kaabbaa Eeliyaasiin irraa bu'een laga Yoordaanosii dhayee «Rabbi Waaqa Eeliyaasii eessa jirta? jedhe; achiin maayessa hennaa deebi'ee bisaan dhaye bisaan gara mirgaatii fi gara bita'aatitti addaan qoodamee inni laga gama ceeye. Ijoolleen raattotaa ta Iyyaariko'oo dhufte hennaa isa argite «Hafuurri Eeliyaasiin irra jiru Eelsaa'iin irra bu'eera!» jedhanii isa argu'uuf dhufanii isa afo'otti gad jedhanii nagaya isa gaafatan. Ijoolleen raattotaa ta Iyyaariko'oo dhuftee, «Kunoo garboota kee woliin namoota shantamaa jajjaba'atu jira; yoo ka Hafuurri Rabbii isa fuudhee gaara irratti yookaan dhooqa keessatti gatee jiraate dhaqanii akka gooftaa kee barbaadan si kadhannaa» jedhaniin; Eelsaa'i, «Isaan hin erginaa'a» jedhee isaanii deebise. Haga inni saalfatutti waan isa kadhataniif yaada saniin wolii galee namoonni shantamaa deemanii haga guyyaa sadihii Eeliyaasiin soqan; garuu isa arguu hin dandeenne; Achiin maayessa uduu Eelsaa'i Iyyaarikoo jiru isatti deebi'an; inni «Ani duraanuu hin deeminaa isiniin hin jennee?» Isaaniin jedhe. Namoonni qachattii Iyyaariko'oo keessa jiraatan gara Eelsaa'ii dhufanii, «Gooftaa keenna akkuma beettu jireenni qachaa tana keessaa misha'a; bisaan garuu bada'a; lafti sanyii hin kennitu» jedhaniin. Eelsaa'illee, «Ottee haarawa sooqidda itti buusa'aa naa fidaa'a» jedhee ajaje; isaanillee akkuma inni isaan ajaje godhanii fidaniif. Inni gara hulee burqaan bisaan sun jiruu dhaqee sooqidda itti buusee, «Wonti Rabbi jedhu kana ‹Ani bisaan kana fayyisee akka qulqullaawu godha; kanaan maayessa namni bisaan kana dhugu hin du'u; laftillee midhaan baasuu hin diddu.› » jedhee dubbate. Hennaa san irraa jalqabee akkuma raattichi Eelsaa'i dubbatetti bisaan sun haga adhaatitti hin qulqullaaye. Achiin maayessa Eelsaa'i Beeteeliin dhaqu'uuf hennaa Iyyaariko'oo ka'u ijoolleen qachattii keessaa kara'atti itti dhuftee, «Bada molticha! molticha bayi!» jedha'aa itti baldan. Eelsaa'i uf irra midhatee isaan laalee maqaa Rabbiitiin isaan abaare; Bineensi lamaa bosona keessaa bayanii ijoollee keessaa nama afurtamii lamaa caccabsan. Achiin maayessa Eelsaa'i gara gaara Qarmeloosii dhaqee achiillee gara Samaariya'aa deebi'ee dhufe. Iyyoosaafixi biyya Yihuuda'aa irratti mooyee woggaa kudha saddeetesso'ootitti Iyyooraam ilmi Aki'aabii teessoo ufii Samaariyaa godhatee biyya Israa'elii irratti woggaa kudha lamaa mooye. inni cubbuu hojjatee Rabbiin gaddisiise; garuu akka abba'aa fi haadha isaa Eelzaabeelii nama badaa hin turre; waaqa tolfamaa ba'aal jedhamu ka abbaan isaa waaqeffatu'uuf hojjatee ture balleesse; kanallee ta'ee waaqeffannaa mooticha Iyyoorbi'aamii ilma Naabaaxii ka worra Israa'elii gara cubbu'uu masakke hordofe malee hin balleessine. Mootiin biyya Moo'aabii Moosaan hoolota horsiisa ture; inni rifeensa hoolaa kuma dhibba tokkootii fi ilmoolee hoolotaa kuma dhibba tokkoo mootii Israa'eliitii gabbara kenna'aa ture. Garuu haga mootichi Aki'aabi du'een maayessa mootiin biyya Moo'aabii Moosaan Israa'elitti ka'e. Hennaa san mootichi Iyyooraam Samaariyaa keessaa bayee banii Israa'elii lolaaf yaase. Inni gara Iyyoosaafixii mootii Yihuuda'aa, «Mootichi biyya Moo'aabii natti ka'eeraa na woliin lolaaf biyya Moo'aabii irratti baataa?» jedhee dhaamsa itti erge; innillee, «Ee hin baya; anii fi ati tokko; baniin kiyya banii keeti; faradoon tiyyallee faradoo teeti» jedhee deebiseef. Eeganaa «Lolu'uuf karaa kamiin deemna ree?» jedhee isa gaafate. Mootichi Iyyooraam, «karaa lafa gammoojji'ii ka biyya Edoomiyaasiitiin deemna» jedhee deebiseef. Kanaaf mootichi Iyyooraam, mootonni Yihuuda'aatii fi ka Eedoomii duulaaf yaa'an; deemsa guyyaa torbaatiin maayessa bisaan isaan jalaa dhume; loltootaa fi horii fe'aatiifillee bisaan woyiituu hin turre. Mootichi Iyyooraam, «Rabbi nu mootota sadan mootii Moo'aabiitiif dabarsee nu kennu'uuf ta'aa nu hobbaasi!» jedhee iyye. Mootichi Iyyoosaafixi, «Raattichi karaa isaatiin Rabbiin waa gaafannu as hin jiruu?» jedhee gaafate. Ajajoota loltoota Iyyooraamii keessaa namni tokko «Eelsaa'i ilmi Saafaaxii ka Eeliyaasiin gargaara'aa ture as jira» jedhee deebiseef. Mootichi Iyyoosaafixi, «Ee Rabbi karaa isaatiin hin dubbata» jedhe; kanaan maayessa mootonni sadiinuu gara Eelsaa'ii dhaqan. Eelsaa'i mooticha Iyyooraamiin, «Ani wonti si gargaaruuf maali'i? gara raattota abbeetiitii fi haatetii dhaqii isaan gaafadhu!» jedheen. Mootichi Iyyooraamillee, «Akkasii mitii Rabbi nu sadiinuu akka mootiin Moo'aabii nu mooyatu taasisu'uuf nu waameera» jedhe. Eelsaa'illee, «Maqaa Rabbii jiraataa gooftaa banii maraatiin siin jedhaa uduu mootii biyya Yihuuda'aa Iyyoosaafixiin saalfachuu baadhee silaa waan tokkollee si hin godhu ture; Amma nama kiraara dhawu naa fidaa'a» jedhe; namni kiraara dhawu kiraara dhoofnaan hunni Rabbii Eelsaa'iin irratti bu'ee akkana jedhe; «Rabbi akkana jedha, ‹Dhooqa goge kanniin maraa keessatti boolla bisaanii qotaa'a; uduu qilleensaa fi rooba woyiituu hin argin dhoondhi kun bisaaniin guuttama; isin, horiin keessanii fi horiin fe'a'aa keessan maruu bisaan dhuddan gayaa argattan› Kun Rabbiin biratti waan diqqa'a; kanaa olitti inni worra Moo'aabii akka mooyattan isin taasisa. Qachoota ijaaramte ta isaanii ta filatamte bareedduu dallawa qabdu mooyattanii qabattan; mukkiin isaanii ka daraaraa qabu maraa hin murtan; burqaawwan isaanii hin duuchitan; maasaa isaanii ka qonnaa ka lalise balleessitanii dhagaa itti tuultan.» Haga lafti bariitee hennaan ciincaa dhiyeessan gaye; burqaan bisaanii gara biyya Edoomiitii burqee lafa irra gara gale. Biyyi Moo'aabii maruu akka mootonni sadan isaaniin lolu'uuf dhufan haga dhagayan worri guraadee hidhatu maruu yaa'anii wol gayanii daangaa biyya ufii irra dhaabatan. Ganama subii hirribaa ka'anii hennaa laalan ifti adu'uu ka bisaan irraa dhiiga fakkaatee isaanitti mudhate; Kanaafuu isaan laagaa ufii ol qabatanii «Wonti kun dhiiga! loltoonni diintota teenna sadiinii ufumaa wol goorra'aa wol fixaniiranii! eeganaa deemnee qe'ee isaanii haa saamnuu!» woliin jedhan. Hennaa isaan qe'ee worra Israa'elii dhaqan worri Israa'elii ka'anii worra Moo'aabiitiin lolan; isaanillee isaan jalaa dheessan; worra Moo'aabiitiin lolanii biyya isaanii keessa seenan. Qachoota isaaniillee diiganii qonna isaanii irratti namni maruu dhagaa tokko tokko buusan; burqaa bisaanii maraa hin duuchan; muka daraaru maraa hin muran; qachattii guddoo Qirhaaresii callaa dhiisan; qachattii isaan dhiisan san worri dhagaa furaanfurrisaan darbatu marsanii dhayan. Mootiin biyya Moo'aabii akka lolli isatti hammaate haga arge namoota dhibba torbaa ka guraade'een lolan fudhatee isaan gara mootii Eedoomiyaasii ceeyuu yaalan; isaan garuu hin dandeenne. Kanaaf ilma isaa ka hangafaa ka bikka isaa mootii ta'u fuudhee kaloo irratti ciinca'aaf dhiyeesse; waan kana irratti worri Israa'elii guddisanii waan aaraniif qachattii san dhiisanii gara biyya ufii deebi'an. Haati hiyyeessaa ta abbaan worraa isi'ii gumii raattotaa keessaa jalaa du'e gara Eelsaa'ii dhuftee, «Gooftaa kiyya! abbaan worraa kiyya na jalaa du'e! Inni akkuma ati beettu nama Rabbiin sodaatu ture; namichi horii itti liqeesse tokko dhufee bikka liqaa sanii ijoollee tiyya lamaan dhiiraa fudhatee garboota godhatee isaan fudhatuu barbaada» jetteen. Eelsaa'i, «Maal akka sii godhu barbaadda? Waan mana kee keessa jiru natti himi» jedhee isii gaafate. Isiinillee, «Ani garbittiin tee dhadhaa ejersaa diqqoo ottee diqqoo keessa jirtu malee womaa hin qabu.» jettee deebifteef. Eelsaa'illee isi'iin, «Deemii ollaa kee irraa waabaawwan duwwaa ergifadhu hin diqqeessin; kanaan maayessa atii fi ijoolleen tee manatti gala'aatii balbala cufadhuu waabaawwan duwwaa ergifatte marattuu buusii ka guute jalaa kaasi» isi'iin jedhe. Kanaaf isiin isa biraa deemtee akkuma inni jedhe ijoollee ufii woliin mana seentee balbala cufattee ijoollee ufiitiin waabaa natti kennaa jedha'aa itti buusa'aa ka guute uf jalaa kaafti. Haga waabaawwan marattuu guutaniin maayessa «Waabaan biraa hin jiruu?» jettee mucaa ufii gaafatte; mucaan isi'ii garuu, «Waabaan biraa hin jiru» jedhee isi'ii deebise; achiin maayessa dhadhaan ejersaa hin dhaabate; Isiin deebitee gara Eelsaa'ii dhaxxee isatti himte; inni, «Dhadhaa ejersaa gurgurii liqaa namichaa maraa kaffali; ka hafe garuu atii fi ijoolleen tee nyaadhaa'a.» isi'iin jedhe. Gaaf tokko Eelsaa'i gara qachaa Suunaamii ta dubartiin dureettiin takka keessa jiraattuu dhaqe; isiin akka inni dhiyana nyaatu isa affeerte; inni gaafas irraa jalqabee hennaa gara qachaa Suunaamii dhaqu maraa mana isi'iititti waa nyaata ture. Isiin abbaa worraa ufiitiin, «Namni hennaa maraa mana keenna dhufu kun nama Woyyuu Rabbii akka ta'e ani hin beeka; kanaafuu mana manaan gubba'aatitti mana diqqoo ijaarreefii isii keessatti siree tokko, xarapheessaa tokko, teessoo tokkoo fi faanosa ifu tokko achi keessa haa keennuufii; inni hennaa nu naannayu'uuf dhufu maraa isii keessatti hara baafataa» jetteen. Guyyaa tokko Eelsaa'i deebi'ee gara qachaa Suunaamii dhaqee mana isaa ijaarame san keessa seenee hara baafate. Inni hojjataa ufii ka Giyaaz jedhamuun, «Ka'ii dubartittii qachaa Suunaamii waami» jedheen; isiinillee dhuftee isa afoo dhaabatte. Inni Giyaaziin, «Waan mishaa isiin nuu goote maraan ani maal akka isi'ii godhu akka barbaaddu gaafadhu; maal laataa wonti dhaqee mootichaaf yookaan ajajaa loltootaatitti isi'ii himu jiraachuu danda'aa» jedheen. Isiinillee, «Hulee jiraata'aaru kanatti fira kiyya jidduu waan jiraata'aaruuf wonti na rakkisu hin jiru» jettee deebifteef. Eelsaa'i Giyaaziin, «Eeganaa maal haa goonuuf ree?» jedhee gaafte. Giyaaz, «Isiin finna hin qabdu; abbaan worraa isi'iillee jaareera» jedhee deebiseef. Eelsaa'i, «Akka dhuftu isi'itti himi» jedhee isa ajaje. Isiin dhuftee balbala isaa ladda dhaabatte; Inni isi'iin «Bara dhufu woggaa adhaa ji'a kana keessa ilma ammatta» jedheen. Isiin garuu, «Akkasii miti! gooftaa kiyya; nama Rabbii! yabo'oo jecha abdi'ii ka hin raawwatamne natti hin himin!» jetteen. Dubartittiin sun garuu ulfooftee akkuma Eelsaa'i isi'iin jedhe woggaa san keessa ji'uma sanitti ilma deette. Daa'imni sun guddatee gaaf tokko hennaa midhaan haamamu gara abbaa isaa ka hojjattoota ufii woliin midhaan haama'aaruu dhaqe. Dimmaa daa'imni sun abba'aan, «Mataa kiyya! mataa kiyya!» jedhee gara abbaa ufii iyye; abbaan ammo hojjataa ufii waamee, «Daa'ima kana haadha bira geessi» jedhee ajaje. Hojjataan daa'ima baadhatee gara haadhaa fide; isiin akkuma isa ammatteen diqqoo ture guyyaa wodhakkaa du'e; isiin kutaa Eeliyaasiif hojjatame keessa seensiftee siree irra ciibsitee balbala itti cuftee baate. Isiin abbaa manaa ufii waamtee, «Ani daddafee nama Rabbii bira gayee deebi'aa hojjataa tokkoo fi harree tokko naa ergi» jetteen. Abbaan manaa isi'ii, «Adha maaf deemta? Sambata yookaan hennaa ayyaanni jalqaba ji'aa itti kabajjamuu miti» isi'iin jedhe. Isiinillee, «Rakkoon hin jiru; waanuma ani siin jedhe godhi » jetteen. Garbicha ufii harree feesiftee, «Haga dhaabsisi siin jedhuuf hin dhaabsisinii oofi» jetteen. Isiin achii kaatee gara hulee Eelsaa'i jiruu gara gaara Qarmeloosii dhaxxe. Namni Rabbii Eelsaa'i akka isiin dhufa'aartu fago'otti argee hojjataa ufii Giyaaziin, «Kuunno dubartittiin qachaa Suunaamii dhufa'aarti! daddafii isii bira dhaqii, maal nagawuma dhuftee? Abbaan manaa kee nagayaa? daa'imni kee nagayaa? jedhiitii isii gaafadhu» jedheen; isiinillee, «nu martinuu nagawuma» jettee isatti himte. Isiin haga gaara Qarmeloosiititti nama Rabbii bira dhaxxe gad jettee luka isaa qabatte; Giyaaz garuu isii dhoogguu barbaade; namni Rabbii, «Dubartiin tun guddiftee waan gadditeef dhiisiin; waan kana Rabbi natti hin himne na jalaa dhosse» jedheen. Isiin nama Rabbii saniin, «Gooftaa kiyya; ani akka ati finna naa kennitu si kadhadhee turee? ‹Jecha abdi'ii ka hin raawwatamne naa hin kennin» jedhee sitti hin himnee?» jetteen. Namni Rabbii Eelsaa'i Giyaaziin, «Mudhii kee hidhadhuu ulee kiyya harkatti qabadhuu deemi; namallee yoo argite nagaya hin gaafatin; yoo inni nagaya si gaafate jalaa hin qabin; ulee tiyya fidii daa'ima afoo kaayi!» jedheen. Haati daa'imaa garuu nama Rabbii Eelsaa'iin, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakadhee ani si dhiisee hin deemu!» jetteen; kanaaf innillee ka'ee isii faana deeme. Giyaaz isaan firrisee daa'ima bira gayee ulee nama Rabbii ka Eelsaa'ii daa'ima afoo kaaye; sagaleen yookaan wonti dhagayamu hin jiru; inni gara nama Rabbii deebi'ee, «Daa'imni hin kaane» jedheen. Eelsaa'i hennaa gara manaa ol seenu daa'imni du'ee siree irra ka ciisa'aaru arge; Inni ol seenee gara lachiinuu balbala cufatee Rabbiin kadhate. Kanaan maayessa inni dhaqee daa'ima irra gad ciisee afaan ufii afaan isaa irra, ija ufii ija isaa irra, harka ufii harka isaa irra kaayee reeffa irra gad ciise; achiin maayessa nafti daa'imaa oo'uu jalqabe. Eelsaa'i ka'e mana keessa asii fi achi deddeeme; ammallee deebi'ee harka ufii badhisee daa'ima irra gad ciise; daa'imni haga hennaa torbaa haxxifateen maayessa ija banate. Eelsaa'i Giyaaziin waamee, «Dubartii qachaa Suunaamii san waami» jedhe; isiin haga dhuftee gara isaa ol seente Eelsaa'i «Daa'ima kee fudhadhu» jedheen. Isiin ol seentee luka isaa jalatti kuftee daa'ima ufii fudhattee baate. Bara biyya maraa keessatti beelli baay'ateeru Eelsaa'i gara Gelgela'aa deebi'ee dhufe; achitti uduu inni garee raattotaa barsiisa'aaru Giyaaziin, «Keree guddaa fuudhii ittoo hojjadhu» jedheen. Raattota keessaa namni tokko baala fidu'uuf gara raasa'aa bayee gaalee lafa gammoojji'ii argee fuudhee buqqee lafa gammoojji'ii haga ufii baadhatuu danda'utti muree qabatee dhufeenii waan qabatee dhufe san uduu maalummaa isaa hin beenne mummuree keree waa itti affeelan keessa buuse. Worri raattotaa dhiyana isaanii dhiyaate san arrabaan tuqanii laalanii, «Ittoo kana keessa hadhaa nama ajjeesutu jira» jedhanii gara raatticha Rabbii Eelsaa'itti iyyatan; Dhiyana nyaachuu hin dandeenne. Eelsaa'i daakuu naa fidaa jedhee keree keessa buusee, «Ittoo fuudha'aa buusa'aaf» jedhee ajaje; Hennaa san ittoo keessa wonti hadhaawu womtuu hin argamne. Gaaf tokko hulee Ba'aalshaalishaa jedhamee waamamuu namni tokko hennaa haama'aa midhaan garbu'uu ka duraan dhayame keessaa xoroshoo garbu'uu diddamaatii fi asheeta garbu'uu qabatee gara nama Rabbii Eelsaa'iin bira dhaqe; Eelsaa'illee tajaajilaa ufiitiin, «Gumii raattotaatii akka nyaatan kenniif» jedhee ajaje. Hojjataan isaa sun garuu, «Waan hagattii tanaa atta godhee nama dhibbaatii kenna?» jedhe. Inni, «Rabbi nyaatanii quufanii akka hambaa hambisan natti dubbateeraa isaanii kenni» jedhe. Kanaafuu hojjataan isaa sun dhiyana isaanii dhiyeesse; akkuma Rabbi isatti dubbatetti martinuu nyaatanii haga quufaniin maayessa dhiyanni isaan irraa hafe. Bulchaan loltoota Sooriya'aa Ni'iimaan Rabbi sababaa isaatiin worra Sooriya'aa waan mooyachiiseef inni gooftaa ufii biratti nama kabajjama'aa fi jaalatamaa ture; inni garuu nama dhibee gogaa kukkutuun qabameeru. Hennaa worri Sooriya'aa worra Israa'elii irratti balaa buusan mucattii durbaa ta worra Israa'elii takka booji'anii fudhatanii turan; isiin haadha manaa Ni'iimaaniitii garbittii taatee jiraata'aa turte. Isiin haadha manaa gooftaa ufii ta Ni'iimaaniitiin, «Gooftaan kiyya uduu raatticha Samaariyaa jiru bira dhaqee silaa dhibee kana hin fayya!» isi'iin jette. Ni'iimaan haga waan kana dhagaye waan mucattiin durbaa sun jette maraa isatti hime. Mootiin Sooriya'aa Ni'iimaaniin, «Xalayaa kana qabadhuutii gara mootii Israa'elii dhaqi» jedhee isa hoffolche. Kanaafuu Ni'iimaan birrii saqilii kuma soddomaa, worqii kuma jahaatii fi uffata jijjiiratu qabateefii deeme. Xalayaan inni qabatee deeme kun, «Waan garbicha kiyya Ni'iimaanii ajajaa loltootaa ka ibsu waan ta'eef, dhibee gogaa kukkutu kana irraa akka fayyiftu barbaadaa» ka jedhu. Mootiin Israa'elii haga xalayaa kana dubbise uffata ufii tarsaase; laagaa ufii ol qabatee «Mootichi Sooriya'aa attamitti akka ani nama kana isaa fayyisutti yaade? ani nama dhibee goga'aa irraa fayyisu, ani akka Rabbii ajjeesu'uu fi kaasu'uufillee baallii qabu na seeyee? dhugamaan dubbiin kun akka inni naan loluu barbaade mudhisa!» jedhe. Namni Rabbii Eelsaa'i mootiin Israa'elii akka uffata ufii tarsaase haga dhagaye «Uffata kee maaf tarsaafte? Inni gara kiyya haa dhufuu akka Israa'eliin keessa raanni jiru itti mudhisaa» jedhee mooticha Israa'eliititti erge. Kanaafuu Ni'iimaan fardaa fi gaarii fardaatiin dhufee balbala gara mana Eelsaa'ii seensisu afoo dhaabate. Eelsaa'i «Deemii laga Yoordaanosiititti hennaa torba dhiqadhu nafti kee fayyee qulqulluu ta'aa» jedhee dhaamsa itti erge. Ni'iimaan aaree lolee akkana jedhe; «Inni waan gara kiyya dhufee maqaa Rabbii ufii waama'aa harkaan nafa kiyya ka na dhukkubu qaqqaba'aa na fayyisu seeye; Eega ka bisaaniin fayyu ta'e lanni Damaasqo'oo Abaana'aa fi Faarfaan bisaan worra Israa'elii maraa hin caaluu? isaan keessatti dhiqadhee silaa qulqullaawuu hin danda'uu!» jedhee lola'aa uf irra gara galee deeme. Hojjattoonni isaa isatti dhiyaatanii, «Gooftaa keenna; uduu raattichi akka ati waan jabaa gootu si ajajee jiraatee silaa hin raawwatta; eeganaa akkuma raattichi si ajajetti dhiqattee dhibee irraa fayyuu maaltu si dhoogga?» jedhaniin. Kanaaf Innillee akkuma raattichi Rabbii isaan jedhetti laga Yoordaanosii keessa seenee hennaa torba keessa gad lixa'aa ol baya'aa dhiqannaan nafti isaa qulqullaayee akka nafa daa'immanii ta'e. Achiin maayessa inni hojjattoota ufii woliin gara nama Rabbii dhufee isa afoo dhaabatee «Waaqa Israa'elii malee Waandhi biraa biyya maraa keessa akka hin jirre amma beekeera; kanaafuu ana garbicha kee irraa kennaa akka fudhattu si kadhadha» jedheen. Eelsaa'i, «Rabbii jiraataa isa afoo dhaabadhee tajaajiluun kakadhee si irraa hin fudhu» jedheen; inni deddeebi'ee kennaa isaa akka fudhatu kadhate; raattichi garuu fudhachuu dide. kanaaf Ni'iimaan raattichaan, «Ani garbichi kee ammaa achi Rabbiif malee waaqa tolfamaa biraatiif ciincaa waan hin dhiyeessineef biyyee fe'aa gaangee lamaa qabadhee deemaa na hoffolchi» jedheen. Kanaafuu mootii biyya kiyyaa woliin gara waaqa tolfamaan Sooriya'aa itti waaqeffamu seenee uduu waaqeffadhelle'ee Rabbi akka naa araaramu abdii godha; innillee naa dhiisa!» Eelsaa'i Ni'iimaaniin «Nagayaan deemi!» jedheen; innillee ka'ee isa biraa deeme. Hojjataan nama Rabbii Giyaaz «Gooftaan kiyya Ni'iimaanii nama Sooriya'aatii hin dhiiseef; waan inni isaa fide keessaa womaa hin fudhanne; maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakadhee isa faanaa fiigee waa harkaa fudhadha» jedhe. Kanaaf Giyaaz Ni'iimaaniin hordofe; Ni'iimaan akka inni isa faanaa fiiga'aaru arginaan isaan wol argu'uuf gaarii fardaa irraa bu'ee «Maal nagayaa?» jedhee isa gaafate. Innillee «ani nagayuma dhufe; ka'imtoonni lamaa ka gara worra raattotaa ta'an biyya gaaraa ka Efreemiitii natti dhufaniiranii saqilii tokkoo fi uffata lamaa ka isaan jijjiiratan akka isaanii kennitu si kadhadha jedhee gooftaan kiyya na erge» jedheen. Ni'iimaanillee «Saqilii lamaa sii haa kennanii» jedhee deebiseef; innillee saqilii lamaa qalqala keessa kaayee uffata lama ka isaan jijjiiratanillee hojjattoota ufii qabsiisee isaanillee qabatanii isa afoo deeman. Isaan hennaa gaara Eelsaa'i irra jiraatu gayan Giyaaz qalqala lamaa harkaa fuudhee haga mana seensiseen maayessa hojjattoota Ni'iimaanii geegesse; isaanillee ka'anii biraa deeman. Giyaaz mana seenee gooftaa ufii afoo dhaabannaan gooftaan isaa Eelsaa'illee, «Haga ammaa eessa turte?» jedhee gaafate. Innillee, «Ani garbichi kee eessallee hin deemne» jedhee deebiseef. Eelsaa'illee, «Hennaa namichi si dubbisu'uuf gaarii fardaa irraa bu'e ayyaanni kiyya si woliin hin turree? Amma hennaan tun hennaa saqili'ii fi uffata hulee ejersaa fi woyinii itti dhaaban, hoola'aa fi sangoota yookaan hojjattoota dhiiraatii fi ta durbaa fudhattuu miti. Eeganaa dhibeen gogaa kukkutu ka Ni'iimaanii gara kee lufa; atii fi fiixaan kee maruu baraa haga bara baraa dibee kana irraa hin qulqullooftan» jedheen; Giyaaz hennaa bayee deemu dhibeen goga'aa waan isatti lufeef nafti isaa adii akka barada'aa ta'e. Ijoolleen raattotaa Eelsaa'iin, «Huleen amma jiraata'aarru kun nutti dhiphateera. Kanaafuu gara laga Yoordaanosii dhandhee utubaa ijaarruun murree hulee keessa jiraannu haa ijaarruu!» jedhaniin. Innillee, «Maarre deemaa'a!» isaaniin jedhe. Worra raattotaa keessaa namni tokko Eelsaa'iin «Ati nu woliin deemi» jedheen; innillee «Maarre hin deema jedhee, Isaan woliin deeme; akkuma laga Yoordaanosii bira gayaniin muka muran; Isaan keessaa namni tokko uduu utubaa muru qottoon inni utuba'aan mura'aaru buqqaatee bisaanitti jalaa bannaan, «Bade gooftaa kiyya! qottoon tun qottoo ergisaati!» jedhee iyye. Namni Rabbii Eelsaa'i, «Eessaan si jalaa itti badde!» jedhee isaa gaafate; innillee hulee qottoon itti badde itti mudhifnaan, inni garuu muka muree bisaan irra buufnaan qottoon badde gubba'atti ol baate. Kanaan maayessa inni «Fudhadhu» jedheen; innillee harka ufii hiixatee fudhate. Mootiin biyya Sooriya'aa worra Israa'eliitiin wol lola'aa ture; ajajaa loltoota ufii woliin mari'atee «dhokannee asitti quphanna» jedhe. Namni Rabbii Eelsaa'i «Worri Sooriya'aa dhokatanii asitti quphataniiranii karaa kanaan hin lufin» jedhee gara mootii Israa'elii dhaamsa erge. Waan kanaaf mootiin Israa'elii loltoota achi jiraatan akka uf eeggatan waan taasiseef jabaatanii uf eega'aa turan; wonti akkanaa kun hennaa baay'eef deddeebi'ee raawwatame. Waan kanaaf mootiin Sooriya'aa guddisee gaddee loltoota ufii waamee «Yoo nu keessaa namni mootii Israa'elii woliin wolitti shariike jiraate natti hin himtanii?» isaaniin jedhe. Loltoota isaa keessaa namni tokko «Akkasii miti; waan ati golatti dhossa'aan dubbattu raattichi biyya Israa'elii Eelsaa'i mootii Israa'eliititti hima» jedheen. Innillee «Ani nama itti ergee isa qabsiisaa; hulee inni jiru soqaa'a» isaaniin jedhe; hennaa san raattichi Eelsaa'i Dootayiniin keessa akka jiru isatti himan. Mootichi biyya Sooriya'aa gara hulee Eelsaa'i jiruu faradoo, gaarii fardaatii fi loltoota baay'ee erge; isaanillee dhufanii halkaniin qachattii san marsan. Hennaa hojjataan nama Rabbii ganamaan ka'ee bawu ka loltoonni faradoon worri gaarii fardaa yaabbatanii lolan ka qachattii marsaniiran argee gooftaa ufiitiin «Bannee gooftaa kiyya! maal nuu woyya?» jedheen. Eelsaa'i garuu, «Worri nu woliin jiru worra isaan woliin jiran caalaa hin sodaatin» jedheen. Kanaan maayessa Eelsaa'i Rabbiin, «Yaa Rabbii kiyya! akka waa argu ija Giyaazii bani» jedhee kadhate; Rabbillee ija Giyaazii banee naannaya Eelsaa'ii faradoon akka ibiddaatii fi gaariin fardaa ka gaara irra guutaniiran arge. Hennaa worri Sooriya'aa gara isaa dhufan Eelsaa'i «Banii kana akka ija isaanii jaamsitu si kadhadha» jedhee Rabbiin kadhate. Rabbillee kadhaa Eelsaa'ii dhagayee ija isaanii jaamse. Kanaan maayessa Eelsaa'i isaaniin, «Karaan kanaa miti; qachattiinillee tanaa miti; nama isin barbaaddan isinitti mudhisaa isin masakkaa koottaa» jedhee gara Samaariya'aa isaan fide. Akkuma isaan gara Samaariya'aa seenaniin Eelsaa'i, «Yaa Rabbi! akka isaan waa arguu danda'an ija isaanii bani!» jedhee Rabbiin kadhate; Rabbillee ija isaanii banee isaanillee ijji isaanii banamee akka biyya Samaariya'aa keessa jiran uf argan. Mootiin Israa'elii worra Sooriya'aa hennaa arge Eelsaa'iin «Abbaa kiyya! isaan fixuu? isaan fixuu?» jedhee gaafate. Eelsaa'i isaan hin ajjeesin; kanniin dhiisiitii worra woraanaan loltee boojiteeyyuu ajjeesuu si hin barbaachisu; ati waan nyaatanii fi waan dhugan isaanii kenni; nyaatanii dhuganii gara biyya ufii haa deemanii» jedheen. Kanaaf inni waan nyaatanii dhugan isaanii qopheessee isaanii kennee haga nyaatanii dhuganiin maayessa isaan geegesse; isaanillee gara biyya ufii deeman; achiin maayessa loltoonni Sooriya'aa deebi'anii gara worra Israa'elii hin dhufne. Achiin maayessa mootiin biyya Sooriya'aa Wolda'aadeer loltoota ufii qabatee deemee Samaariyaa marse; Samaariyaa keessa beelli guddaan waan tureef sababaa beelaatiif gatiin mataa harree tokkoo saqilii saddeettama; udaan handari'ii giraama dhibba lamaa saqilii shanitti gurgurama'aa ture. Gaaf tokko mootiin Israa'elii uduu dallawa irra naannayu dubartiin takka laagaa ol qabattee «Mootii gooftaa kiyya! yabo'oo na gargaari!» jettee iyyatte. Inni garuu isi'iin «Ka Rabbi si hin gargaarre ani attamitti si gargaaruu danda'a? oobdii kiyya irraa moo hulee cuunfaa woyini'ii kiyya irraa waan si gargaaru sitti fakkaata? Rakkoon kee maali'i?» Jedheen; isiin garuu «Dubartittiin tun adha daa'ima kee nyaannee boru ammo daa'ima kiyya nyaannaa; daa'ima as fidi» naan jette. Akkuma isiin naan jette daa'ima kiyya affeellee nyaannee bariisaa san «Daa'ima kee as fidi hin nyaannaa jennaaniin isiin daa'ima ufii dhossite» jettee mootichatti himatte. Mootichi waan dubartittiin sun itti himte haga dhagaye uffata ufii tarsaasee dallawa keessa naannaya'aa ture; uffata ufii garaa jalaan uffata gaddaa ka uffateeru argan. Mootichi laagaa ufii ol qabatee, «Adha uduu aduun hin dhiine mataan Eelsaa'ii ilma Saafaaxii uduu hin muramne yoo bule Rabbi na haa ajjeesu» jedhee dubbate. Hennaa san Eelsaa'i jaarsota woliin mana ufii taa'a'aa ture; mootichi nama ergee namni inni erge sun uduu isaan bira hin geenne Eelsaa'i jaarsotaan «Ilmi nama nama ajjeesuu mataa kiyya mursiisu'uuf akka nama erge laalaa'a; hennaa inni dhufee balbala bira gaye akka mana hin seenne balbala cufaa'a; mootichillee isa faanaa dhufa'aaraa» isaaniin jedhe. Uduu inni kana dubbatee hin raawwanne namni ergamee dhufe sun Eelsaa'iin bira geennaan mootichi «Rakkoo kana maraa ka nutti fide Rabbi; kana caalaa badiin inni nutti fidu ka biraa maal eega?» Jedhe. Eelsaa'i, «Dubbii Rabbii dhagayi! Rabbi akkana jedha, boru hennaa akkanaa kana Samaariyaa keessatti qamadiin mishaan iifii sadihii yookaan garbuun iifii jahaa saqilii tokkoon bitama» jedhee deebiseef. Akkuma inni kana dubbateen namichi mooticha gargaaru deebisee Eelsaa'ii nama Rabbiitiin «Uduu Rabbi foddaa Sami'ii banee midhaan akka roobaatitti gad roobsee kun sirima ta'uu hin danda'u!» jedhee shakki'iin dubbate; ati garuu hennaa Rabbi waan kana godhu ijaan argita malee midhaan kana afaaniin hin qabdu.» jedheen. Balbala seensa qachatti'ii afoo namoota afurii ka dhibee gogaa kukkutuun qabamantu ture; isaan «Nu haga duunutti maaf as teenna? Yoo gara qacha'aa galle beelatu nu fixa; yoo asillee teenne beelatu nu fixa; kanaafuu koottaa gara qe'ee Sooriya'aa dhandhaa; isaan yoo ka nu ajjeesanii nu haa ajjeesanii; yoo nu dhiisan hin jiraannaa» woliin jedhan. Kanaan maayessa haga lafti galgalaaye qe'ee worra Sooriya'aa dhaqu'uuf deemanii hennaa daangaa isaanii gayan namni tokkollee achi hin jiru; Sababaan wonti kun ta'eef Rabbi worra Sooriya'aatitti hirpha laagaa loltootaatii fi gaarii fardaa isaan dhageessifnaan isaan amma mootiin Israa'elii mootii biyya Misiriitii fi mootii biyya Keexotaa nutti bitee nu fixu'uuf ta'a» woliin jedhan. Halkanuma san ka'anii daasee, farado'oo fi harriin ufii qe'ematti dhiisanii lubbuu ufii oolchu'uuf baqatan. Namoonni dhibee gogaa kukkutuun qabaman sunniin dhufanii daasee isaan keessaa baqatan tokko keessa seenanii nyaatanii dhuganii achi keessaa birrii, worqi'ii fi uffata fudhatanii dhoffatan; daasee lammeesso'oo keessallee seenanii achi keessaallee fudhatanii dhoffatan. Kanaan maayessa isaan, «Nu adha waan mishaa hin goone; nu adha waan guddaa argine; oduu nagayaa mishaa kana dhossinee hambisuun nuuf hin ta'u; oduu mishaa argine kana uduu hin himne haga lafti bariitutti yoo cadhifne yakkamtoota taana; kanaafuu ammuma deemnee ajajaa loltootaatitti haa himnuu» woliin jedhan. Kanaan maayessa dhufanii «Gara qe'ee worra Sooriya'aa yoo dhandhu farado'oo fi harriin hidhamteertu, daaseenillee ka dhaabateeru argine; garuu laagaan nama tokkoollee achi keessatti hin dhagayamu» jedhanii nama balbala qachatti'ii eegutti himan. Worri balbala qachatti'ii eegan waan guddisanii oduu odeessaniif, oduun sun haga mana mootumma'aatitti dhagayame. Mootichi halkaniin ka'ee worra loltoota ajajuun «Waan worri Sooriya'aa na irratti hojjatan isinitti hima; isaan akka nu beelofneerru hin beekan; kanaafuu isaan hennaa qachaa keessaa bayan isaan qabnee gara qachattii isaanii seenna; jedhanii goda keessatti dhokachu'uuf qe'ee dhiisanii deemaniiran» isaaniin jedhe. Ajajaa loltootaa keessaa namni tokko mootichaan deebisee «Baniin qachaa kana keessatti hafan akka namoota tanaan dura du'a irraa hafan sanniinii miti; kanaafuu waan ta'e beekuu akka dandeennu namoota hagoo filannee faradoo du'a irraa hafan shanan woliin haa erginuu» jedhee yaada dhiyeesse. Isaan gaarii fardaa lamaan faradoo woliin fuunaan mootichi isaaniin deema'aatii isaan laalaa'a jedhee loltoota Sooriya'aa duubaan isaan erge. Isaanillee isaan faana haga laga Yoordaanosii deemanii uffataa fi meeshaa worri Sooriya'aa hennaa dheessan karaa irratti gatan maraa argan; worri ergaman sunniin deebi'anii mootichatti himan. Achiin maayessa baniin yaa'ee qe'ee worra Sooriya'aa saame; akkuma Rabbi dubbate daakuu qamadi'ii iifii sadihii, saqilii tokkoon, garbuu iifii jahaa saqilii tokkoon bitatan. Mootichi ajajaa loltootaa ka isa gargaaru akka inni balbala eegu taasiseen; baniin garuu isa irra deeme; mootichi hennaa gara isaa dhaqu akkuma garbichi Rabbii dubbate inni ka du'eeru arge. Namni Rabbiillee mootichaan, «Boru qachaa Samaariya'aatitti qamadiin mishaan iifii sadihii, yookaan garbuun iifii jahaa saqilii tokkoon bitama» jedhee isatti himee ture. Guyyaa san ajajaan loltootaa sun deebisee nama Rabbii Eelsaa'iin «Uduu Rabbi samiillee banee silaa wonti kun hin ta'aa?» Jedhee ture. Eelsaa'i «Kana ijaan argita malee afaaniinuu hin qabdu» jedheenii ture. Sababaan hojjataan dallawa qachaa Samaariya'aa eegu baniin irra deemee du'eef akka raanni sun isa irratti raawwatamuuf. Eelsaa'i dubartittii daa'ima isi'ii du'aa kaaseef saniin «Ati maatii kee woliin asii deemii hulee biraa jiraadhu; beelli biyya kana keessatti woggaa torbaaf akka turu Rabbi ajajeeraa» jedhee isi'itti dubbate. Kanaaf dubartittiinillee akkuma namni Rabbii Eelsaa'i isi'itti hime maatii ufii qabattee deemtee biyya Filisxeemii keessa haga woggaa torbaa teette. Woggaa torbaan maayessa dubartittiin sun biyya Filisxeemiitii deebitee waan lafa ufiitii fi waan mana ufii mootichatti dhaxxee iyyatte. Mootichillee Giyaazii garbicha nama Rabbii woliin baasa Eelsaa'i hojjate natti himi jedha'aa qaaqa'aa turan. Giyaaz mootichaan akka Eelsaa'i nama du'e kaase uduu itti himu dubartittiin Eelsaa'i daa'ima isi'ii du'aa kaaseef sun waan lafaa fi waan mana ufii dhaxxee mootichatti iyyatte; Giyaazillee mootichaan «Mootii gooftaa kiyya! Dubartiin sun tana daa'imni Eelsaa'i du'aa kaasellee kana!» jedhe. Mootichi dubartittii gaafannaan isiinillee isatti himte; mootichi nama baallii qabu ka qaamni uumatuun hin hojjanneef waamee «Qabeenna isiin asiin dura qabdu maraa daraaraa lafa isi'ii ka guyyaa isiin deemte irraa jalqabee bu'aa lafa san irraa argame maraa akka deebisaniif» jedhee isa ajaje. Eelsaa'i hennaa gara Damaasqo'oo dhaqu mootiin biyya Sooriya'aa Wolda'aadeer dhibamee ture; hojjattoonni mootichaa mootichaan namni Rabbii as dhufeera jedhanii himan. Mootichi hojjattoota ufii keessaa Azaaheliin waamee, «Waan raatticha Rabbiitii kennitu harkatti qabadhuutii ani akka dhibee kana irraa fayyuu fi hin fayyine akka inni Rabbiin naa kadhatu gaafadhuun» jedheen. Kanaafuu Azaahel midhaan biyya Damaasqo'oo keessatti argamu maraa gaala afurtamatti fe'ee Eelsaa'iin bira dhaqee, «Ilmi kee Wolda'aadeer dhibee irraa akka fayyuu fi akka hin fayyine akka isatti himtuuf na erge» jedheen. Eelsaa'i Azaaheliin «Ati hin fayyita jedhii isatti himi; garuu akka inni du'u Rabbi natti mudhiseera» jedheen. Kanaan maayessa Eelsaa'i fuula badee ija bada'aan laale; sababaa kanaaf Azaahel guddisee naye; Eelsaa'i garuu hin booye. Azaahel, «Gooftaa kiyya maaf bootta?» Jedhee Eelsaa'iin gaafate; Eelsaa'i, «Waan hamaa ati uf afoo banii Israa'elii irratti gootu waan beekuuf; wonti hamaan sunniinillee ati kushee isaanii ibiddaan gubda; ka'imman isaanii jajjaboota hin goorraata; daa'imman isaaniillee dhagaa irratti bubburussita; garaa dubartoota isaanii ta ulfaallee hin babbaqassita» jedhee deebiseef. Azaahel Eelsaa'iin, «Ani ka waan hamaa guddaa akkanaa kana hojjadhu ani namni womaa hin fayyanne kun eennu?» jedhe; Eelsaa'i Azaaheliin, «Ati Sooriyaa irratti akka mootii taatu Rabbi natti mudhiseera» jedheen. Kanaan maayessa Azaahel Eelsaa'iin biraa deemee gara gooftaa ufii dhaqe; mootichillee Azaaheliin, «Eelsaa'i maal siin jedhe?» Jedheen; innillee «Akka ati fayyitu natti hime» jedheen. Garuu bariisaa san Azaahel uffata halkan uffatan fuudhee bisaanitti cuuphee mooticha fuulatti uwwisee ukkaamsee isa ajjeesee bikka isaa mooye. Iyyooraam ilmi Aki'aabii Israa'eliin irratti mooyee woggaa shaneesso'ootitti ilmi Iyyoosaafixii Iyyooraam biyya Yihuuda'aa irratti mooye. Inni hennaa moowu nama woggaa soddomii lamaati; Yerusaalemiin irratti woggaa saddeeti mooye. Mucattii Aki'aabii waan fuudhee tureef waan hamaa maatiin Aki'aabii hojjata'aa ture hojjate; karaa mootonni Israa'elii irra deemanii waan hamaa hojjatan hojjatee Rabbiin gaddisiise. Rabbi garuu tanaan dura karaa garbicha ufii Daawitiitiin akka fiixaa isaa keessaa mootii isa hin dhabsiifne waan abdii kenneefii tureef biyya Yihuuda'aa balleessuu hin barbaanne. Bara Iyyooraam mooye Edoomiyaas biyya Yihuuda'aa irratti lola kaasee bilisummaa mootummaa ufii labse; Kanaafuu Iyyooraam gaarii fardaa ufii maraa qabatee gara Saa'irii lufe; namoota Edoomiyaasii ka isaa fi bulchoota gaarii fardaa ka isa marsaniiran dhaye; loltoonni garuu gara daasee ufii dheesse. Hennaa san irraa jalqabee Edoomiyaas bulchiinsa Yihuuda'aa jalaa bilisa baate, hennama san qachattiin Libina'aa lolaaf kaate. Wonti Mootichi Iyyooraam hojjate maruu galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera. Iyyooraam du'ee qachaa Daawitii keessatti hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Akaaziyaasitu mooye. Iyyooraam ilmi Aki'aabii biyya Israa'elii irratti mooyee woggaa kudha lammeesso'ootitti ilmi Iyyooraamii Akaaziyaas biyya Yihuuda'aa irratti mooye. Inni hennaa moowu nama woggaa diddamii lamaati. Yerusaalemiin irratti woggaa tokko mooye; haati isaa ta Gotoliyaa jedhamtu mucattii Zambirii mootii Israa'eliiti. Inni soddaa Aki'aabii waan tureef waan hamaa maatiin Aki'aabii hojjatan hojjatee Rabbiin gaddisiise. Akaaziyaas Iyyooraamii ilma Aki'aabii woliin Azaahelii mootii biyya Sooriya'aa woliin wol lolu'uuf gara Reemaatii biyya Gala'aadii keessa jirtuu dhaqan; worri biyya Sooriya'aa garuu Iyyooraamiin dhayanii madeessan. Hennaa mootichi biyya Sooriya'aa Iyyooraam mootii Azaaheliin wol lole, madaa worri biyya Sooriya'aa isa madeessan yaalamu'uuf gara qachaa Iyiziraa'elii deebi'e; ilmi Aki'aabii Iyyooraam waan dhibameeruuf Akaaziyaas ilmi Iyyooraamii mootii biyya Yihuuda'aa isa gaafachu'uuf gara Iyiziraa'elii dhaqe. Hennaa san Eelsaa'i ijoollee raattotaa keessaa nama tokko waamee; «Mudhii kee hidhadhuu ottee dhadhaa ejersaa kana qabadhuu gara Reemaatii biyya Gala'aadii keessa jirtuu dhaqi; Hennaa achi geette Iyyuu ilma Iyyoosaafixii ilma Naameesii achitti argitaa mana inni jiru seenii obboleewwan isaa jiddu'uu isa fuudhii gara golaa ol seensisi; Achiin maayessa dhadhaa ejersaa ka ottee keessaa mataa isaa irratti buusii, ‹Rabbi akkana siin jedha; Israa'eliin irratti mootii akka taatuuf si muudeera› jedhiinii balbala banadhuu uduu achi hin turre bayii dheessi» jedheen. Akkasuma raattichi ka'imtichi gara Reemaatii biyya Gala'aadii keessa jirtuu dhaqe. Haga achi gaye ajajoonni loltootaa ka wol gayanii taa'aniiran bira dhaqee, «Ajajaa loltootaa; ani sitti hajameera» jedheen; Iyyuun garuu «Nu keessaa eennutti hajamta?» jedhe; Innillee, «Sitti hajame» jedheen. Kanaan maayessa innillee ka'ee gara manaa ol seene; raattichillee seenee dhadhaa ejersaa mataa isaa irratti buusee «Rabbi Waandhi Israa'elii, ‹Banii Rabbii irratti akka mootii taatu si muudeera; Ati dhiiga raattotaa ta garboota tiyyaa, dhiiga garboota Rabbii maraa akka Eelzaabeeliin haluu bawu mana Aki'aabii gooftaa keetii hin dhoofta; manni Aki'aabii maruu hin bada; mana isaa keessaa garbicha ta'ee'e wolabticha, dhiira maraa hin balleessa. Mana Aki'aabii akka mana Iyyoorbi'aamii ilma Naabaaxii, akka mana Ba'oosii ilma Akiya'aa taasisa. Reeffa Eelzaabeeliillee lafa qonnaa ka Yisiraa'elii keessatti sariintu nyaata; Reeffa isi'iillee namni awwaalu hin argamu› siin jedha» jedheenii balbala banatee fiigee lixe. Iyyuun manaa bayee gara garboota gooftaa ufii dhaqe; isaanillee Iyyu'uun, «Maal nagayaa mii? Maraattichi kun maaf gara kee dhufe?» jedhanii gaaftan. Innillee, «Namichaa fi waan inni natti dubbate isinuu hin beettan» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Nu waanii hin beennee waan inni sitti hime nutti himi!» jedhaniin. Innillee, « ‹Rabbi akka ati mootii Israa'elii taatu si muude siin jedha› jedhee waan kanniin natti hime» isaaniin jedhe. Isaan maruu yoosuu fiiganii uffata ufii fuudhanii kortoo gamo'oo irratti afanii isa achi irra dhaabsisanii xurumbaa afuufa'aa «Iyyuun mooyeera!» jedhan. Achiin maayessa Iyyuun ilmi Iyyoosaafixii ilma Naameesii mooticha Iyyooraamiin irratti mala malate Iyyooraamii fi ijoolleen Israa'elii maruu mootiin biyya Sooriya'aa Azaahel akka qachaa Reemaatii biyya Gala'aadii keessa jirtu hin seenne eega'aa turan. Iyyooraam mootii biyya Sooriya'aa Azaaheliin lola Reemaatii biyya Gala'aadii keessatti ta'een dhayamee waan madaayeef Yisiraa'eliin keessatti yaalamu'uuf dhaqee ture; kanaafuu Iyyuun loltoota goshoota ufiitiin «Isin yoo ka na woliin taatan ta'e banii biyya Yisiraa'elii keessa jiru uf eeggachiisu'uuf namni oduu himu tokkollee qachaa Reemaatii biyya Gala'aadii keessaa dheessee akka hin baane godhaa'a» isaaniin jedhe. Achiin maayessa Iyyooraam dhibamee Yisiraa'eliin keessatti uduu yaalama'aaru Iyyuun gaarii fardaa yaabbatee gara Yisiraa'elii dhaqe. Hennaa san mootiin biyya Yihuuda'aa Akaaziyaas Iyyooraamiin gaafachu'uuf dhaqee ture. Hennaa san gaadduun dallawa dhaga'aa ka Iyiziraa'elii irra dhaabateeru tokko uduu Iyyuun loltoota ufii woliin dhufa'aaru argee «Loltoota arga'aara» jedhe; Iyyooraam hennaa san, «Nama tokko farda yaabbisii isaanitti ergi innillee maal nagayuma dhuftanii haa jedhuunii» jedhe. Namni farda yaabbateeru sunillee isaaniin wol argu'uuf deemee Mootiin «Maal nagayaa mii?» Siin jedha jedhe; Iyyuunillee, «Nagaya maaltu jira? Kana irra, na duuba lufii na faanaa koottu!» jedheen. Gaadduun sun garuu mootichaan, «Namni ergame sun isaan bira gayeera; garuu uf irra hin deebine» jedhee itti hime. Mootichi deebi'ee nama biraa farda yaabbisee isatti erge; innillee isa bira gayee Mootichi maal nagayaa mii? Siin jedha jedhe; Iyyuun «Nagaya maaltu jira? kana irra, na duuba lufii na faanaa koottu!» jedheen. Namichi gaadu sun, «Namichi ati ergite sun bira gayeeraa garuu uf irra hin deebine» namni inni bira gaye sun jarjara'aa deema akki inni itti deemullee akka deemsa Iyyuu ilma Naameesiiti!» jedhee mootichatti hime. Kanaan maayessa Iyyooraam, «Gaarii fardaa qopheessaa'a» jennaan qopheessaniif; mootiin Israa'elii Iyyooraamii fi mootiin biyya Yihuuda'aa Akaaziyaas gaarii fardaa yaabbatanii Iyyu'uun wol gawu'uuf dhaqan; haga dhaqan maasaa qonnaa ka Naabutee gosa Yisiraa'elii keessatti isa argan. Iyyooraam hennaa Iyyuu arge, «Iyyuu! maal nagayaa?» jedheen. Iyyuunillee, «waaqa tolfama'aa fi asmaa haati tee Eelzaabeel nutti fiddee nagaya maaltu jira?» jedhee deebiseef. Iyyooraam gaarii fardaa ufii uf irra gara galchee Akaaziyaasiin, «Akaaziyaas! kun didda'a!» jedha'aa dheesse. Iyyuun eboo ufii darbatee Iyyooraamiin duubaan woraanee afo'oon fullaafnaan inni gaarii fardaa keessatti kufee du'e. Iyyuun bulchaa ufii Bidiqaariin «Reeffa isaa fuudhii maasaa Naabutee gosa Yisiraa'elii keessatti gati» jedheen; hennaa anii fi ati farda yaabbannee wol ladda deemnee abbaa isaa Aki'aabiin hordofne akka Rabbi rakkoo kana isa irra geessu dubbate yaadadhu. Ani dhugamaan kaleessa akka Naabuteenii fi ijoolleen isaa du'an argeera qonna kana keessatti isaan adaba jedhee Rabbi armaan dura dubbateera kanaafuu dubbiin Rabbii akka raawwatamuuf reeffa Iyyooraamii fuudhii maasaa Naabute'ee keessatti darbii gati» jedhee nama isa gargaaru ajaje. Mootiin biyya Yihuuda'aa Akaaziyaas haga waan kana arge gaarii fardaa irra taa'ee gara qachaa ufii dheesse; Iyyuunillee loltoota ufiitiin «Kanallee uduma inni gaarii fardaa yaabbatee fiigu woraanaa'a» jedha'aa isa faanaa deeme; Akaaziyaas uduu Iyyuu jalaa dheessu goodda naannoo guurii baabla'aamii jirtutti isa woraanan; innillee gara Maqidoomii dheessee achitti du'e. Hojjattoonni isaa gaarii fardaa irratti reeffa isaa fe'anii gara Yerusaalemii fidanii qachaa Daawitii keessatti hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalan. Iyyooraam ilmi Aki'aabii mooyee woggaa kudha tokkeesso'ootitti Akaaziyaas biyya Yihuuda'aa irratti mooye. Hennaa san Iyyuun gara biyya Yisiraa'elii dhandhaan Eelzaabeel akka inni dhufe haga dhageette ija kuula dibattee, mataa dhayattee qandhaftee gamoo mana mootumma'aa foddaa keessaan gara karaa Iyyuun dhufuun laala'aa turte. Iyyuun hennaa balbalaan seenu «Zamirii gooftaa kee ajjeefte maal nagayaa?» jetteen. Iyyuun laagaa ufii ol qabatee «Namni na gargaaru eennu?» jedhee dubbate; worri qaamni uumataniin hin hojjanne lamaa haga sadihii gara fodda'aa dhiyaatanii isa laalan. Iyyuun isaaniin «Eelzaabeeliin gad darbaa'a» jedhe; isaan hennaa isii fuudhanii gad darban dhiinni isi'ii dallawa dhaga'aatii fi farado'oo irratti faca'e; Iyyuun reeffa isi'ii irra farado'oo fi gaarii fardaa oofe. Achiin maayessa gara mana mootummaa ufii seenee waa nyaatee dhugee «Isiin woma feetellee yoo taate mucattii mooti'ii waan taateef reeffa dubartii abaaramtuu tanaa fuudha'aa awwaalaa'a» jedhe. Hennaa namoonni Iyyuun erge reeffa isi'ii fuudhanii awwaalu'uuf dhaqan mataa, lukaa fi lafee harkaa malee isaan womaa hin argine. Namoonni sunniin deebi'anii Iyyu'utti himan; Iyyuun garuu deebisee isaaniin, «Wonti kun maruu ka raawwatameef akka dubbiin Rabbii karaa raatticha Eeliyaasii gosa Teesibi'iitiin dubbatame sun raawwatamuuf; akkasuma reeffa Eelzaabeelii biyya Yisiraa'elii keessatti sariiniin nyaattamee hafe; akka dike'eetitti raasaa keessa bittiinnaaya; kanaafuu eennullee isiin Eelzaabeel jedheenii namni reeffa isi'ii addaan baasu hin jiru ka jedhametu raawwatame» jedhe. Aki'aabi biyya Samaariya'aa keessatti ijoollee torbaatama qaba. Iyyuun namoota baallii qabanii fi manguddoota ijoollee Aki'aabii guddisan ka biyya Samaariya'aa keessa jiraniif xalayaa barreessee, «Hennaa kana ijoolleen gooftaa keessanii gaariin fardaatii fi faradoon qachaan itti dallawamtee fi meeshaan lolaa waan isin bira jiruuf; Ijoollee gooftaa keessanii keessaa nama jaalattanii fi nama itti gammaddan filadha'aatii teessoo abbaa isaa irra kaayaa'a; waan mana gooftaa keessaniitiifillee lolaa'a» jedhee gara Samaariya'aa dhaamsa erge. Isaan garuu guddisanii sodaatanii mootichi Iyyooraamii fi mootichi Akaaziyaas «Mooyachuu hin dandeenna?» Jedhan. Kanaafuu bulchaan mana mootumma'aa, bulchaan qachatti'ii, manguddoonni biyyaatii fi worri ijoollee Aki'aabii guddisan, «Nu'u garboota keeti; waan ati nu ajajje maraa hin goona; nu mootii uf irratti hin moosifnuu; ati waan feete godhi» jedhanii dhaamsa gara Iyyu'uu ergan. Iyyuun hennaa lammeesso'ootiif deebisee, «Eega garboota kiyya taatan waan ani jedhellee eega dhageettan morma ijoollee gooftaa keessanii mura'aatii boru hennaa akkanaa gara biyya Yisiraa'elii hulee ani jiruu qabadha'aa koottaa'a» jedhee xalayaa isaanitti barreesse; hennaa san ijoolleen torbaatamman mootichaa worra isaan guddisu bulchoota qachatti'ii bira turan. Isaan akkuma xalayaan sun isaan bira gayeen ijoollee mootichaa torbaatamman qabanii ajjeesanii mataa isaanii keeshee keessa kaayanii gara biyya Yisiraa'elii gara hulee Iyyuun jiruu ergan. Namichi Iyyu'uu ergamu Iyyuu bira dhaqee «Mataa ijoollee mootichaa qabanii dhufaniiran» jedhee isatti himnaan inni garuu «Haga boruu balbala hulee raasaa itti gad bayanii afo'otti bakka lamatti tuula'aa kaayaa'a» jedhe. Haga lafti bariite balbala dallawa qachatti'ii bira dhaabatee banii achi dhaabataniiran maraan, «Mootii Iyyooraamiin ka ajjeesisiise ana; kanaafuu isin waan kanaaf hin gaafatamtan; garuu kanniin maraa ka ajjeese eennu?» jedhee dubbate. Wonti Rabbi waan mana Aki'aabii dubbate dhugaa akka ta'e amma beekaa'a; wonti Rabbi karaa raatticha ufii Eeliyaasiitiin dubbate raawwateera; tokkollee lafa hin buune!» isaaniin jedhe. Kanaan maayessallee Iyyuun worra maatii Aki'aabii irraa hafan maraa, bulchoota maraa, goshoota isaatii fi gadoota nama tokkollee uduu hin hambifne Yisiraa'eliin keessatti isaan fixe. Iyyuun Iyiziraa'eliin keessaa ka'ee gara Samaariya'aa deemee haga balbala tissee hoolotaa gaye. Obboleewwan Akaaziyaasii mootii biyya Yihuuda'aatiin wol gayee «Isin eennu fa'a?» jedhe; isaanillee «Nu obboleewwan Akaaziyaasiiti; ammallee nu'u ijoollee mootittii Eelzaabeeliitii fi maatii mootota hafanii nagaya gaafatu'uuf gara biyya Yisiraa'elii deema'aarra» jedhanii deebisaniif. Iyyuun «Namoota kanniin qabaa'a!» jedhee loltoota ufii ajaje; isaanillee isaan qabanii hulee bisaan itti kuufamu biratti namoota afurtamii lamaa fixan; isaan keessaa nama tokkollee hin hambifne. Iyyuun achii ka'ee haga deeme Iyyoonaadaabii ilma Reekaabiitiin wol gayee nagaya gaafateenii «Akka garaan kiyya si woliin jiru ati fayyaalumma'aan na woliin jirtaa?» Jedhee gaafate; Iyyoonaadaabillee «Ee wolii galla» jedheen. Iyyuun deebisee, «Yoo akkas ta'e harka as kenni!» jedheenii gaarii fardaa irra baasee uf bira teessise. «Akka ani waan Rabbiitiif hinaafe laali» jedheenii woliin deemanii, akkuma biyya Samaariya'aa gayaniin Iyyuun nama tokkollee uduu hin hambifne fira Aki'aabii maraa fixe; sababaan wonti kun maruu ta'eef wonti Rabbi karaa garbicha ufii Eeliyaasiitiin dubbate akka raawwatamuuf. Iyyuun banii Samaariya'aa maraa wolitti qabee «Aki'aabi waaqa tolfamaa ba'aal jedhamu diqqoma waaqeffate; ani garuu isa caalaa guddisee waaqeffatuu barbaada. Kanaafuu isin amma raattota waaqa tolfamaa ba'aal jedhamuu, hojjattoota isaatii fi gadoota maraa gara kiyya waamaa'a; eennullee akka hin hafne; ani waaqa tolfamaa ba'aaliif ciincaa guddaa dhiyeessu'uuf ta'a namni hafe maruu du'aan adabama» isaaniin jedhe; Iyyuun worra waaqa tolfamaa ba'aaliin waaqeffatan fixu'uuf mala kana dhaye. Kanaan maayessa Iyyuun, «waaqa tolfamaa ba'aaliif ayyaana qopheessaa'a» jedhe; isaanillee hin qopheessan. Iyyuun worra Israa'elii marattuu dhaamsa erge worri waaqa tolfamaa ba'aaliin waaqeffatan maruu namni tokkollee uduu hin hafne dhufanii mana waandhi tolfamaan ba'aal itti waaqeffatan seenanii ol guutan. Achiin maayessa Iyyuun namicha mana meesha'aa eeguun «Hojjattoota waaqeffattoota waaqa tolfamaa ba'aaliin waaqeffataniif uffata kenni» jennaan innillee baasee isaanii kenne. Iyyu'uu fi Iyyoonaadaabi ilmi Reekaabii gara mana waaqa tolfamaa itti waaqeffatan seenanii namoonni asitti argaman kunniin worra waaqa tolfamaa waaqeffatanii fi worra Waaqa waaqeffatan tokkollee akka as keessa hin jirre adda baafadhaa'a» jedhe. Yoma san Iyyuunii fi Iyyoonaadaabi ciincaa waaqa tolfamaa ba'aaliitii fi ciincaa adda addaa ka biraallee dhiyeessu'uuf seenan; uduu waan kana hin gooneen duratti Iyyuun naannaya mana itti waaqeffataniititti loltoota saddeettamaa yaasee namoota kanniin maraa ajjeesaa'a nama kanniin keessaa namni tokko akka inni dheessee bawu godhe bikka isaa namni sun hin ajjeefama!» jedhee ajaja kennee ture. Iyyuun akkuma ciincaa ciinceessee ka'een yoosuu worra balbala mana qulqullumma'aa eeganii fi worra loltoota ajajuun «Namoota kanniin maraa fixaa'a isaan keessaa eennullee miliqee akka hin baane» jedhee isaan ajaje; isaanillee guraadee ufii luqqifatanii ol seenanii isaan maraa fixanii reeffa isaanii harkisa'aa gad baasan; achiin maayessa gola mana qulqullumma'aa keessa seenan. Utubaawwan dhaga'aa ka mana waaqa tolfamaa ba'aaliin itti waaqeffattan diida baasanii ibiddaan guban. Akka kanaan utubaa dhaga'aa caccabsanii mana waaqa tolfamaa ba'aaliillee diiganii haga adhaa huleen sun hulee fishaan itti gatamu ta'e. Akkaataa kanaan Iyyuun waaqa tolfamaa ba'aalii ka Israa'eliin keessatti argamu balleesse. Garuu Iyyuun jabbilee worqii irraa hojjataman ka Beeteelii fi Daaniin keessa jiranii fi cubbuu ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam hojjate irraa hin fagaanne. Rabbi Iyyu'uun «Ati na afo'otti waan mishaa waan hojjatteef yaada kiyya maraa mana Aki'aabii irratti waan raawwatteef fiixaan kee haga dhaloota afurii teessoo mootummaa Israa'elii irra taa'an» jedheen. Iyyuun garuu seera Rabbii waaqa Israa'elii garaa guutu'uun hin eenne, cubbuu Iyyoorbi'aamii worra Israa'elii dogoggorse irraallee hin fagaanne. Bara san Rabbi worra Israa'elii gargar foowuu jalqabe; Azaahel mootichi biyya Sooriya'aa isaan mooyatee uf jala isaan taasisee ture. Biyya Gala'aadii ta laga Yoordaanosiitiin cinaa baya biiftu'uutiin jirtu maraa, biyya Gaadii, biyya Minaase'eetii fi biyya Roobeelii, biyya Aarnoonii irraa jalqabee Gala'aadii fi haga biyya Baasaanii jiru maraa dhayee ta ufii taasifate. Wonti Iyyuun hojjate maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera. Kanaan maayessa Iyyuun du'ee Samaariyaa keessatti hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Iyyoo'akaazitu mooye. Iyyuun Samaariyaa keessa taa'ee woggaa diddamii saddeetii worra Israa'elii bulche. Haati Akaaziyaasii Gotoliyaan akka ilmi isi'ii du'e haga argite deemtee fiixaa mootichaa maraa fixxe. Namni uduu isiin hin ajjeefne isii jalaa miliqee baye ilma Akaaziyaasii Yoo'aasiin calla'a; isallee namoota kaawwan woliin ajjeesu'uuf isatti mari'atan; garuu adaadaan isaa ta obboleettii mootichaa taate Yoosaabeeti isa dhossitee du'a oolchite; isiin isaa fi dubartii isa guddiftu waan isa fuutee kutaa hirribaa ka dallawa mana woyyumma'aa keessatti dhossiteef akka Gotoliyaan hin ajjeefne oolchiteen. Inni mana isi'iititti dhokata'aa haga woggaa jahaa mana Rabbii keessa taa'e; Gotoliyaan biyya san irratti mootii taate. Garuu gadichi Yoodaaheen woggaa torbeesso'ootitti worra balbala mana mootumma'aa eegan, bulchoota mana worra mootumma'aa eeganii fi ajajoota loltootaa marattuu dhaamsa ergee akka isaan gara mana woyyumma'aa dhufan taasise; achitti waan ufii godhu'uuf yaade akka isaan maarre jedhan isaan kakachiisee ilma Akaaziyaasii Iyyoo'aasiin isaanitti mudhise. «Hennaa guyyaa Sambataatiin mana mootumma'aa eegu'uuf bobbayan isaan keessaa harki sadihii mana mootumma'aa haa eeguu. Ka biraallee harka sadihii keessaa harki tokko balbala dallawa Suurii haa eeguu; ammallee harki sadihii ka hafe balbala worri mana mootumma'aa eeguun dudda duubaan jiru haa eeganii; Worri guyyaa Sambataa balbala hin eenne ka garee lamaanii garuu akka mooticha irra rakkoon hin geenne godhu'uuf mana woyyumma'aa haa eeganii, Hennaa mooticha Iyyoo'aasiin marsitanii eeddan guraadee keessan ol baafadha'aatii hulee inni dhaqu maraa isa woliin dhaqaa'a; namni gara keessan dhiyaatuu ugge maruu haa ajjeefamuu» jedhee isaan ajaje. Ajajoonni dhibbaa waan gadichi Yoodaaheen jedhe maraa godhan; isaan maruu worra guyyaa Sambataa balbala mana mootumma'aa haa eegani'iif ramadamanii fi loltoota mana mootumma'aa eeganii yaa'anillee wolitti qabee hiriirsisee gara Yoodaahee gadichaa fidan. Gadichi wonte'ee fi woraana Daawitii mootichaa ka mana woyyuu Rabbii keessa jiru maraa fuudhee ajajoota loltootaatitti kenne. Marti isaaniituu meeshaa lolaa ka ufii qabatanii bita'aa fi mirgaan mana woyyuu hulee ciinca'aatii fi mootichallee marsanii dhaabatan. Achiin maayessa ilma mootichaa gad baasanii gulloo ulfinnaa itti godhanii qajeelcha bulchiinsa mootumma'aallee itti kennanii, «Mootichi umurii dheeraa haa jiraatu!» jedha'aa harka dhayan. Gotoliyaan hennaa laagaa loltootaatii fi laagaa bani'ii dhageette gara mana woyyuu Rabbii banii bira dhaxxe. Akkuma achi geetteen mootichi haarofni akka aadaa baratameetitti inni utubaa balbala mana woyyumma'aa bira ka dhaabatu argite; inni hennaa san worra loltoota ajajuu fi worra xurumbaa afuufaniin marfameera; hennaa san baniin maruu gammadanii xurumbaa afuufa'aa ililfata'aa turan; Gotoliyaan guddiftee naatee uffata ufii tarsaaftee «Kun mala didda'aati; kun mala didda'aa ka na irratti dhayanii na balleessan!» jedha'aa iyyite. Gadichi Yoodaaheen ajajoota loltootaatiin «Mana woyyumma'aa irraa isii fageessa'aa gara raasa'aa isii baasaa'a namoota isii faanaa deemu guraade'een ajjeesaa'a» jedhee isaan ajaje. Isaanillee baasaniinii karra faradoon yaatuutiin gara mana mootichaa isii fidanii achitti tumanii ajjeesaniin. Yoodaaheen mootichinii fi baniin akka banii Rabbii ta'an Rabbiin woliin akka waadaa galan taasise, akkasuma mootichinii fi baniinillee akka wolii waadaa galan godhe. Kanaan maayessa baniin biyyaa maruu gara mana waandhi tolfamaan ba'aal jedhamu itti waaqeffamu dhaqanii mana inni itti waaqeffamu san diiganii hulee ciinca'aatii fi fakii isaa maraa caccabsanii Maataanii gadicha waaqa tolfamaa ba'aalii hulee ciinca'aa afo'otti ajjeesan. Yoodaaheen gadichi Rabbii worra mana woyyummaa Rabbii bulchan muude. Waan kanaan maayessa gadichi ajajoota dhibbaa, worra Kaaraanii, worra balbala eeganii fi banii biyyaa maraa waamee, mooticha mana woyyuu Rabbiitii baasanii karaa balbala worra balbala eeguutiin gara mana mootumma'aa isa fidanii teessoo mootumma'aa irra isa teessisan. Baniin biyya sanii maruu waan Gotoliyaan guraade'een ajjeefamteef guddisanii gammadan; qachattiinillee nagaya taate. Iyyoo'aas hennaa moowu umuriin isaa woggaa torba. Iyyuun Israa'eliin irratti mooyee woggaa torbeesso'ootitti Iyyoo'aas mootii Yihuuda'aa ta'ee Yerusaalemiin keessatti woggaa afurtamaa bulche; haati isaa ta Saabiyaa jedhamtu nama biyya Beersaabeehiiti. Bara Yoodaaheen gadichi barsiisa'aa ture maraa Iyyoo'aas Rabbiin afo'otti waan mishaa godhe. Garuu huleen itti sagadan ka tulloota irraa hin banne; hennaa san baniin hulee itti sagadan ka tullootaa irratti ciincaa dhiyeessa'aa hixaanallee aarsa'aa turan. Iyyoo'aas worra gadootaatiin horii qulqullaaye ka gara mana Rabbii seenu maraa, horii waan gatii lubbuu ufiitiif dhiyeessanii fi horii fedha ufiitiin gara mana Rabbii fidan maraa, keessaa gadoonni maruu fuudhanii hulee manni woyyumma'aa diiggameen haa ijaaranii isaaniin jedhe. Garuu gadoonni haga bara mootiin Iyyoo'aas woggaa diddamii sadihii bulche mana woyyumma'aa ka diiggame hin ijaarre. Mootichi Yoodaahee gadichaa fi gadoota kaawwanillee waamee, «Hulee mana woyyumma'aa ka diiggame maaf hin ijaarre? adha irraa jalqaba'aatii horii nama irraa fuutan harkatti qabachuu isin hin barbaachisu; akka ijaarsa mana woyyu'uutiif oolu horii isaanitti kennaa'a» isaaniin jedhe. Worri gadootaallee waan inni isaaniin jedheen wolii galanii horii banii irraa fuudhuu dhiisanii hulee diiggamellee haarawoomsuu dhaaban. Yoodaaheen gadichi garuu saanduuqa horiin keessa taa'u fuudhee banee balbala mana woyyumma'aa seenaniin cinaa mirgaatiin hulee ciinca'aa bira kaaye; Gadoonni horii kenna'aa ka namoonni qabatanii gara mana woyyu'uu dhufan fuudha'aa horii san fida'aa keessa buusan. Worri bulchoota gadootaatii fi worri waa barreessu ka mootichaa akka saanduuqa san keessa horiin guute haga argan fuudhanii qaraciitii guddaa keessa kaaya'aa turan. Horii san laakkayanii haga beekaniin maayessa worra mana woyyuu Rabbii haarawoomsanitti kennan. Worra mana woyyuu Rabbii ka diiggame ijaaran worra dhagaa baqassu, muka manaan haarawoomsan, worra dhagaa bitanii fi akkasuma meeshaa waan gara garaatiif oolu maraafuu kenna'aa turan. Garuu horiin mana woyyumma'aa haa ijaarani'iif kenname meeshaa mana woyyuu Rabbiitiif ta'u xuwwee birrii irraa hojjatame, Qadhabaa, Keree, Xurumba'aa fi meeshaa worqi'ii fi birrii irraa hojjatamu hin hojjanneen. Birriin sun maruu worra mana woyyuu Rabbii haarawoomsaniif kennama. Worri mana woyyuu Rabbii ijaarsisan garuu amanamtoota waan ta'aniif eennullee isaan hin tooyatu ture. Horiin waan ciincaa yakkaatii fi waan ciincaa cubbu'uutiif dhiyaatu gadootaa kennama malee saanduuqa mana woyyuu Rabbii keessa hin galu. Hennaa san mootiin biyya Sooriya'aa Azaahel biyya Geetii dhaqee lolee qabate; achiillee ka'ee Yerusaalemiinillee qabachu'uuf deeme. Waan Iyyoo'aas mootiin Yihuuda'aa Iyyooraamii fi mootiin Akaaziyaas qulqulleessan waan ufii qulqulleessellee worri mana woyyuu Rabbiitii fi mana galmee mootumma'aa keessatti argame maraa fuudhee Azaahelii mootii biyya Sooriya'aatii ergee ufii garuu Yerusaalemitti hafe. Wonti mootichi Iyyoo'aas hojjate maruu galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera. Kanaan maayessa garboonni isaa itti ka'anii karaa gara siila'aa fidu mana Miilo'oo keessatti ajjeesaniin. Isaan keessaa ilmi Sama'aatii Yoozaakaarii fi ilmi Shoomeerii Yoozaabaati isa dhayanii ajjeesanii qachaa Daawitii keessatti hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalame, bikka isaa ilma isaa Ameesiyaasitu mooye. Ilmi Akaaziyaasii Iyyoo'aas mooyee woggaa diddamii sadeesso'ootitti ilmi Iyyu'uu Iyyoo'akaaz Israa'eliin irratti mooye; hulee jireennaa Samaariyaa godhatee woggaa kudha torbaa bulche; Innillee akkuma Iyyoorbi'aamii ilma Naabaaxii ka isa dura turee cubbuu hojjatee Rabbiin yakke; banii Israa'eliillee gara cubbu'uu oofee ufiillee waan hamaa hujuu hin dhiifne. Kanaaf Rabbi banii Israa'eliitiin lolee dabarsee bara jiraatan maraa harka mootii Sooriya'aa Azaaheelii fi ilma isaa Wolda'aadeeriif kenne. Achiin maayessa Iyyoo'akaaz Rabbiin kadhatee Rabbi rakkinna mootiin Sooriya'aa isaan irra geesse waan argeef kadhaa isaa dhagayeef. Kanaaf Rabbi Mootii Israa'eliif worra Sooriya'aa jalaa baasu ergeef; achiin maayessa worri Israa'elii akkuma duraa qe'ee ufii keessa nagayaan jiraatan. Garuu worri Israa'elii cubbuu mana Iyyoorbi'aamii irraa hin fagaanne; akkasuma fakii dubartii waaqa tolfamaa Asheeraa jedhamtu Samaariya'atti waaqeffatan. Iyyoo'akaazi worra fardaa shantama, worra konkolaataa fardaa kudhanii fi loltuu kuma kudhanii malee ka biraa hin hafneef; sababaan wonti kun ta'eef waan loltoota kaawwan mootiin Sooriya'aa akka buraa midhaan oobdi'iititti jalaa bulleesseef. Jabeenni mootiin Iyyoo'akaaz raawwate ka biraa maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera. Iyyoo'akaaz du'ee Samaariya'atti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Yoo'aasitu mooye. Mootiin Yihuuda'aa Iyyoo'aas mooyee woggaa soddomii torbeesso'ootitti ilmi Iyyooka'aazii Yoo'aas Israa'eliin irratti mooye; inni teessoo ufii Samaariyaa godhatee woggaa kudha jahaa bulche. Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatee cubbuu Naabaaxiin ilmi Iyyoorbi'aamii hojjate faanaa bu'e malee cubbuu irraa hin deebine. Wonti biraa ka Iyyoo'aas raawwate, akkasuma jannummaan isaallee galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffame. Kanaan maayessa Iyyoo'aas du'ee Samaariyaa hulee awwaalaa ta abboonni isaa itti awwalamanitti awwaalame; bikka isaa Iyyoorbi'aamitu mooye. Eelsaa'i dhibee badaa dhibame; mootiin Israa'elii Iyyoo'aas gara isaa gad bu'ee «Abbaa kiyya! abbaa kiyya! ati Israa'eliif hunna, gaachenaa fi wontee isaaniiti!» jedhee booyeef. Eelsaa'i mootichaan «Ebo'oo fi buundhee fudhu» jedheen; innillee ebo'oo fi buundhee fudhate; Mootii Israa'eliitiin, «Eboo kee jabeessii qabadhu» jedheen; innillee jabeessee qabate; Eelsaa'i harka ufii mooticha irra kaayee, «Foddaa gara ija bariisa'aatiin jiru banii darbadhu» jedheen; innillee hin darbate; kun eboo Rabbii fayyisa'aati; sababaa keetiin Rabbi worra Sooriya'aa dhaya; ati worra Sooriya'aa haga mooyattutti qachaa Afeeqii keessatti isaaniin lolta!» jedhe. Ammallee «Buundheewwan biraa fudhadhuu lafaan dhayi!» jedheen. Mootichillee lafa harka sadihii dhayee dhaabe. Wonti kun Eelsaa'iin hin aarse; kanaafuu uduu hennaa shan yookaan hennaa jahaa dhoofteerta ta'ee silaa worra Sooriya'aa dhooftee mooyatta turte; amma garuu hennaa sadihi calla mooyatta» jedhe. Eelsaa'i du'ee awwaalame; worri biyya Moo'aabiitii balaa buusu'uuf wogga wogga'aan dhufan biyya Israa'elii seena'aa turan. Hennaa woyii uduu nama woyii awwaala'aaran worra balaa buusu sanniin keessaa gareen woyii uduu dhufu arganii reeffa awwaala'aaran awwaala Eelsaa'ii keessatti darbanii dheessan; reeffi sun akkuma lafee Eelsaa'ii tuqeen yoosuu du'aa ka'ee dhaabate. Iyyoo'akaaz bara ufii mootii ta'ee bulche maraa Azaahel mootiin Sooriya'aa worra Israa'elii gad qabee rakkisa'aanii ture. Rabbi garuu arjumma'aa fi araara isaanii godhee isaan gargaare malee akka isaan badaniif isaan hin dhiifne; wonti kana godheef waan waadaa Abrahaam Yisaaqii fi Yaaqoobii banii ufii hin irraanfanneef. Mootiin Sooriya'aa Azaahel haga du'e bikka isaa ilma isaa Wolda'aadeertu mootii ta'e. Asiin maayii mootiin Israa'elii Iyyoo'aas Wolda'aadeeriin harka sadihii mooyatee qachoota bara abbaan isaa bulchu qabatee ture maraa deebise. Ilmi Iyyoo'akaazii Yoo'aas Israa'eliin irratti mooyee woggaa lammeesso'ootitti Ameesiyaas ilmi Iyyoo'aasii Yihuudaa irratti mooye; Inni hennaa moowu nama woggaa diddamii shanii ture; Yerusaalemiin irratti woggaa diddamii sagal bulche; haati isaa ta Yoo'aadaa jedhamtu dubartii Yerusaalemiiti. Inni waan qajeelaa Rabbiin afo'otti hojjate; garuu waan abbaan isaa hojjate hojjate malee akka abbaa isaa akka Daawitii hin hojjanne. Garuu hulee sagadaa ka tulluu irraa ka worri ormaa itti waaqeffatan hin diinne; sababaa kanaaf baniin tulloota irratti ciincaa dhiyeessu'uu fi hixaana aarsuu hin dhiifne. Haga mootummaan isaa jabaateef worra baallii qaban ka abbaa isaa ajjeesan maraa hin ajjeese. Akkuma kitaaba seera Muuse'ee keessatti barreeffame Rabbi, «Namni maruu cubbuu ufiitiif haa du'uu malee cubbuu ijoollee ufiitiif hin du'in; Cubbuu abboonni hojjataniif ijoolleenillee hin du'in; namni kamuu yakkuma ufii hojjateef du'aan haa adabamuu» jedhee kenne raawwateera. Ameesiyaas, hulee «Dhooqa sooqiddaa» jedhamee waamamutti loltoota Edoomiyaasii kuma kudhanii fixe; qachaa Seelaa jedhamtu qabatee «Yooqixi'eel» jedhee maqaa itti baase; haga adhaa maqama kanaan waamamti. Kanaan maayessa Ameesiyaas, «Koottu qaamaan wol arginaa!» jedhee gara Yoo'aasii ilma Akaaziyaasii ilma Iyyu'uu erge. Mootichi Iyyoo'aas akkana jedhee isaa deebise, «Hennaa woyii qummuudduun gaara libaanosii irra jiraattu takka munni libaanosii mucaa kiyya ka dhiiraatii mucattii tee ta intalaa naa kenni› jettee dhaamsa itti ergite; garuu bineensi Libaanosii karaa san uduu lufu qummuuddattii irra ijjatee ajjeese; Emeesiyaas! ati waan worra Edoomotaa mooyatteef boontaa? mootee argattetti gammaddee mana kee taa'uu sii woyya maaf waan sii fi banii kee irrattillee balaa fidu ufitti kaasuu barbaadda?» jedhee gara mootii Ameesiyaasii dhaamsa erge. Ameesiyaas garuu dhagawuu didee lolaaf baye; inninii fi mootiin Yihuuda'aa Ameesiyaas raasaa Beetasamiisii ta Yihuudaa biraatitti wol lolan. Mootiin Yihuuda'aa mooyatamee loltoonni isaallee dheessanii gara qachaa ufii galan. Mootiin Israa'elii Yoo'aasi mootii Yihuuda'aa Iyyoo'aasii ilma Akaazii Ameesiyaas Beetasaamisitti booji'ee gara Yerusaalemii deemee kaloo Yerusaalemii balbala Efreemii irraa jalqabee haga balbalaa ciqilee dhibba afurii diige. Worqii'i, birrii'i, mana Rabbiitii meeshaa woyyuu'u, galmee mana mootichaa maraa, namoota akka qabdi'iititti booji'amanillee fuudhee gara Samaariya'aa deebi'e. Wonti Yoo'aas hojjate, gara jabeenni isaa, akki inni mootii Yihuuda'aatiin wol lole galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera. Yoo'aas du'ee qachaa Samaariya'aa awwaala mootonni Israa'elii itti awwaalamanitti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Iyyoorbi'aamitu mooye. Iyyoo'aas mootiin Yihuuda'aa ilmi Ameesiyaasii haga mootiin Israa'elii Yoo'aas ilmi Akaaziyaasii du'een maayessa woggaa kudha shan jiraate. Wonti Ameesiyaas hojjate galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera. Achiin maayessa Yerusaalemitti Ameesiyaasiin ajjeesu'uuf itti malanii turan; sababaa kanaaf Ameesiyaas dheessee gara qachaa laakkisoo dhaqe; diintonni isaa garuu laakisotti nama itti erganii ajjeesisiisan. Reeffa isaa fardatti fe'anii fidanii Yerusaalemiin qachaa Daawitiititti awwaala abboota isaa biratti awwaalan. Baniin Yihuuda'aa maruu mucaa Azaariyaasii Ooziyaa ka woggaa kudha jahaa fuudhanii bikka Ameesiyaasii mootii taasisan. Ooziyaan haga abbaan du'een maayessa lolee mooyatee qachattii Eelaatii uf jala taasisee deebisee ijaare. Iyyoo'aas Ilmi Ameesiyaasii Yihuudaa irratti mooyee woggaa kudha shaneesso'ootitti Iyyoorbi'aam ilmi Yoo'aasii Israa'eliin irratti mooye; inni teessoo ufii Samaariyaa keessa godhatee woggaa afurtamii tokko bulche. Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatee cubbuu Iyyoorbi'aamii ilma Naabaaxii ka Israa'eliin dogoggorse maraa irraa hin deebine. Lafa armaan dura ta Israa'elii ture karaa Haamaatii gara kaabaatiin jiruu jalqabee gara kibbaatiin haga galaana Arabaa maraa mooyatee deebise; kun maruu ka raawwatame sababaa garbicha Rabbii ilma Amitaayii Yoonaasii raattichaa dhalataa biyya Gaatifeeriitiin abdii Rabbi Waandhi Israa'elii kenneetiin. Rabbi rakkoo hamaa Israa'elii arge; Israa'eliin keessa garbichallee yoo ta'e wolabtichi nama isaan gargaaru hin qaban. Rabbi akka banii Israa'elii lafa irraa balleessu hin dubbanne; kanaafuu karaa ilma Yoo'aasii Iyyoorbi'aamiitiin Rabbi isaan hambise. Wonti Iyyoorbi'aam hojjate, gara jabeenni isaa, lolee Damaasqo'oo fi Hamaatiin duraan ka Yihuudotaa Israa'elootaa akka deebise galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera. Iyyoorbi'aam du'ee awwaala abboota Israa'elii biratti awwaalame; ilmi isaa Zakkaariyaas bikka isaa mooye. Iyyoorbi'aam mootiin Israa'elii mooyee woggaa diddamii torbeesso'ootitti Azaariyaas ilmi Ameesiyaasii Yihuudaa irratti mooye; Hennaa mootii ta'u mucaa woggaa kudha jahaati; teessoo ufii Yerusaalemiin godhatee woggaa shantamii lamaa bulche; haati isaa ta Yikooliyaa jedhamtu intala biyya Yerusaalemiiti. Akkuma abbaan isaa Ameesiyaas waan mishaa mara godhe innillee Rabbiin afo'otti waan mishaa godhe. Garuu hulee itti sagadan ka tulloota gubbaa jiru waan hin balleessineef baniin hulee sagadaa ka tulloota gubba'aa sanniinitti ciincaa ciincessa'aa hixaana aarsan. Achiin maayessa Rabbi waan dhibee gogaa kukkutuun isa dhayeef inni haga du'utti dhibeen sun waan isa hin dhiifneef hujii maraa irraa dhooggamee mana addaa keessa hojja ufii jiraata'aa ture. Hennaa san bikka isaa ilma isaa Iyyoo'aataamitu banii bulcha'aa ture. Wonti mootichi Azaariyaas hojjate maruu galmee seenaa mootota biyya Yihuuda'aa keessatti barreeffameera. Azaariyaas du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman qachaa Daawitii keessatti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Iyyoo'aataamitu mootii ta'e. Azaariyaas biyya Yihuuda'aa irratti mooyee woggaa soddomii saddeetesso'ootitti Zakkaariyaas ilmi Iyyoorbi'aamii Samaariyaa keessatti Israa'eliin ji'a jahaa bulche. Inni akkuma abboonni isaa Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatan waan hamaa hojjatee cubbuu Iyyoorbi'aam ilmi Naabaaxii hojjatee worra Israa'elii dogoggorse irraallee hin fagaanne. Shaaluum ilmi Iyyaabeesii mooticha Zakkaariyaasiin mala itti malee hulee Yibila'aam jedhamtee waamamtutti dhayee ajjeesee bikka isaa mooye. Wonti mootichi Zakkaariyaas hojjate galmee mootota Israa'elii keessatti barreeffameera. Akka kanaan jechi abdi'ii ka Rabbi «Ijoolleen tee haga dhaloota afurii worra Israa'elii irratti hin mooyan jedhee Iyyuu raattichatti dubbate raawwatame. Ooziyaan mooyee woggaa soddomii sagaleesso'ootitti ilmi Iyyaabeesii Shaaluum Samaariyaa keessatti ji'a tokko bulche. Minaaheen ilmi Gaadii Tersa'aa ka'ee gara Samaariya'aa dhaqee Shaaluumii ilma Iyyaabeesii dhayee ajjeesee bikka isaa mooye. Wonti mootiin Shaaluum hojjate dharti isaa galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera. Minaaheen hennaa Tersa'aa ka'ee deemu namoota qachattii Tifisaahii keessa jiraatanii fi qachoota naannoo isi'ii jirtu maraa hin balleesse; sababaan inni waan kana godheef waan isaan harka kennachuu didaniif; kanaaf dubartoota ulfaallee uduu hin hambifne garaa tarsaase. Bara Azaariyaas Yihuudaa irratti mooye woggaa soddomii sagaleesso'ootitti Minaaheen ilmi Gaadii woggaa kudhanii Israa'eliin irratti Samaariyaa keessa taa'ee mooye. Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjate; cubbuu ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam hojjatee Israa'eliin dogoggorse irraallee hin fagaanne. Mootiin Tiiglaat Pheeneseer Israa'eliin hunnaan qabannaan mootiin Minaaheen akka mootummaa isaa jabeessuu fi akka isa gargaaru saqilii giraama kuma tokko kennaa godhee Tiiglaat Pheeneseerii kenne. Minaaheen dureeyyii Israa'elii irraa birrii guuree Tiigla'aa kenne. Innillee birrii san fudhatee nagayaan gara biyya ufii deebi'ee gale. Wonti Minaaheen hojjate maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera; Minaaheen du'ee bikka isaa ilma isaa Faaqisiyaasitu mooye. Bara Azaariyaas Yihuudaa irratti mooye woggaa shantameesso'ootitti ilmi Minaahe'ee Faaqisiyaas woggaa lamaa Samaariyaa keessa taa'ee Israa'eliin bulche. Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatee cubbuu ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam hojjatee Israa'eliin dogoggorse irraallee hin fagaanne. Ajajaan loltootaa Faaquheen ilmi Ramaaliya'aa namoota Gala'aadii woliin ta'ee dhara dhaye; gola mana mootumma'aa keessa seenee Faaqisiyaas, Argobiina'aa fi Haariyyee fa'a ajjeesee bikka Fagaahiya'aa mooye. Wonti Faaqisiyaas hojjate maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera. Bara Azaariyaas Yihuudaa irratti mooye woggaa shantamii lammeesso'ootitti ilmi Roomeeliyu'uu Faaquheen woggaa diddamaa Samaariyaa keessa taa'ee Israa'eliin bulche. Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatee cubbuu ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam hojjatee Israa'eliin dogoggorse irraallee hin fagaanne. Bara Faaquheen mootii Israa'elii ta'ee bulche mootiin Aasoorii Telgeltelfelsoor dhaqee Iyyooniin, Abeelbetima'aakaan, Yaanowaa, Qaadees, Aasoor, Gala'aad, Galiila'aa fi biyya Niftaalemii maraa qabatee gara biyya Aasoorii fide. Bara ilmi Ooziya'aa Iyyoo'aataam Yihuudaa irratti mooye woggaa diddameesso'ootitti ilmi Eela'aa Hoseen ilmi Roomeeliyuu Faaquhe'etti ka'ee dhayee isa ajjeesee bikka isaa mooye. Wonti Faaquheen hojjate maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera. Bara Faaquheen ilmi Roomeeliyuu Israa'eliin irratti mooye woggaa lammeesso'ootitti ilmi Ooziya'aa Iyyoo'aataam Yihuudaa irratti mooye. Inni hennaa mootii ta'u ka'ima woggaa diddamii shanii ture; teessoo ufii Yerusaalemiin godhatee woggaa kudha jahaa bulche; haati isaa Yeruus intala Saadooq uumate. Inni afoo Rabbiititti akkuma abbaan isaa Ooziyaan waan mishaa hojjate innillee akkasuma hojjate. Garuu hulee sagadaa ka tulluu irraa hin balleessine; baniin tulluma san irratti ciincaa ciincessa'aa hixaanallee aarsa'aa turan; inni balbala mana woyyuu Rabbii ka ol aanu hojjate. Wonti Iyyoo'aataam hojjate maruu galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera. Rabbi duraan mootii Sooriya'aa Ra'aasoonii fi mootii Israa'elii Faaquhee hennaan akka isaan Yihuudaa irratti balaa buusan erge bara Iyyoo'aataam Yihuudaa irratti mootii ta'ee bulcha'aa ture ta'e. Iyyoo'aataam du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman qachaa Daawitii keessatti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Aka'aazitu mooye. Bara Faaquheen ilmi Roomeeliyuu Israa'eliin irratti mooye woggaa kudha torbeesso'ootitti ilmi Iyyoo'aataamii Aka'aaz mootii Yihuuda'aa ta'e. Hennaa mooyu umuriin isaa woggaa diddama ture; inni teessoo ufii Yerusaalemiin godhatee woggaa kudha jahaa Yihuudaa bulche; inni Rabbiin afo'otti akka abbaa ufii Daawitii waan mishaa hin goone. Karaa hamaa mootonni Israa'elii irra deeman faana deeme; ilma ufiillee uduu hin hambifne waaqolee tolfama'aaf ciincaa godhee dhiyeesse; hennaan inni waan kana godhe hennaa worri Israa'elii gara biyya waadaa isaanii galameetitti galu'uuf uduu deema'aaran orma Rabbi biyya san keessaa buqqisee balleesse hamaa isaan hojjatan san hojjateeti. Aka'aaz tullootaa fi hulee sagadaa irratti, muka jalatti ciincaa ciincessa'aa hixaanallee aarsa'aa ture. Hennaa san mootiin Sooriya'aa Ra'aasoonii fi mootiin Israa'elii ilmi Roomeeliyuu Faaquheen isaan wol lolu'uuf gara Yerusaalemii dhufanii Aka'aaziin marsan; garuu isa mooyachuu hin dandeenne. Bara san keessa mootiin Sooriya'aa Ra'aasoon qachattii Eelaatii gara Sooriya'aa deebise; worra Yihuuda'aa qachattii Eelaatii irraa ari'e; achiin maayessa worri Edoomii gara Eelaatii dhufanii haga adhaa isii keessa jiraata'aaran. Sababaa kanaaf Aka'aaz «Ani garbicha keetii fi ilma keeti; gara kiyya koottuu harka mootii Sooriya'aatii fi harka mootii Israa'eliitii na oolchi» jedhee gara mootii Asoorii Telgeltelfelsoorii ergaa erge. Aka'aaz birri'ii fi worqii mana woyyuu Rabbiitii fi ka mana mootumma'aa keessatti argame fuudhee gara mootii Asoorii erge. Telgeltelfelsoor dhaamsa Aka'aaz itti dhaame fudhatee Damaasqoo uf jala taasisee mootii Na'aasooniin ajjeesee banii booji'ee gara hulee Qiir jedhamtuu fide. Mootichi Aka'aaz mootii Asoorii Telgeltelfelsooriin wol gayu'uuf gara Damaasqo'oo dhaqee hulee ciinca'aa ka Damaasqoo keessa jiru arge; mootichi Aka'aaz akkaataa huleen ciinca'aa itti ijaaramee fi bifa isaa gara gadicha Ooriya'aa erge. Kanaaf Ooriyaan gadichi uduu mootichi Aka'aaz deebi'ee hin dhufneen dura hulee ciinca'aa ka san fakkaatu hojjate. Mootichi hennaa Damaasqo'oo dhufe hulee ciinca'aa san argee gara hulee ciinca'aa dhiyaatee isa irra baye. Hulee ciinca'aa irratti ciincaa gubamuu fi midhaan ciinca'aa dhiyeessee kennaa dhuddo'oollee isa irratti jisse; dhiiga fayyumma'aa ka ciinca'aaf dhiyaate facaase. Hulee ciinca'aa ka sibiila diimaa irraa hojjatame ka afoo Rabbii jiru hulee woyyuu afo'oo fi mana woyyumma'aa ka Rabbii jiddu'uu baasee karaa kaabaatiin hulee ciinca'aa bira kaaye. Mootichi Aka'aaz «Ciincaa gubamu ka ganamaa kennaa midhaanii ka galgalaa ciincaa mootichaa ka gubamu kennaa midhaanii ciincaa gubamu ka banii biyyaatiif ta'u hulee ciinca'aa guddicha irratti dhiyeessi; dhiiga ciinca'aa ka gubamu maraa dhiiga ciinca'aa ka biraallee itti facaasi; hulee ciinca'aa ka sibiila diimaa irraa hojjatame kana anatu itti gaafatama» jedhee Ooriyaa gadicha ajaje. Ooriyaan gadichi akkuma mootichi Aka'aaz isa ajaje godhe. Mootiin Aka'aaz qasatoo gamaa fi gamana jiru ka hulee ciinca'aatitti ittiin tajaajilan muree luxuu cinaa isaa irraa fuudhe; saanii irratti dhiqatan ka isa irra jirullee hin fuudhe; gongaa sibiila diima'aa ka fakii sangootaa jala jiru irraa buusee dhagaa baxxicha irra kaaye. Mana Rabbii ka mana mootummaa ufii keessatti ijaare irraa adda baase; mootii Asooriitiif jedhee karaa mootichaa ka diidaa gara mana Rabbii naannesse. Wonti Aka'aaz hojjate galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera. Aka'aaz du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman qachaa Daawitii keessatti awwaalame; ilmi isaa Hisqiyaas bikka isaa mooye. Bara Aka'aaz Yihuudaa irratti mooye woggaa kudha lammeesso'ootitti ilmi Eela'aa Hooseen teessoo ufii Samaariyaa keessa godhatee woggaa sagalii Israa'eliin bulche. Inni Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatee Rabbiin gaddisiise; garuu cubbuun inni hojjate ka mootonni Israa'elii ta isaan dura turan hojjatan hin gawu. Mootiin Asoorii Seelminaasoor isa woliin wol lolee isa mooyatee wogga wogga'aan isa gabbara'aa ture. Mootiin Asoorii Hoosee irratti waan hamaa arge; inni dhaamsa gara Seegoorii mootii Misirii waan ergee tureef akkuma armaan dura gabbaru mootii Asooriitiif waan gibira hin kennineef mootiin Asoorii isa qabee mana hidha'aatitti isa hiisise. Kanaan maayessa Seelminaasoor biyyattii Samaariya'aa woggaa sadihiif marse. Hooseen mooyee woggaa sagaleesso'ootitti inni Israa'eliin mooyatee Samaariyaa qabatee worra Israa'elii booji'ee hidhee gara mootii Asoorii fide; isaan keessaa banii hagoo Ba'aalaahenaa, Baraaboorii haga Goozaanii fi qachaa Meedoonii keessa isaan kaaye. Sababaan wonti kun ta'eef cubbuu worri Israa'elii hojjate, Rabbii isaan biyya Misiriitii baasee gara biyya waadaa galeefii isaan masakke waan gaddisiisanii fi waaqolee tolfamaa waan waaqeffataniif. Rabbi banii masakka'aa hennaa isaan fide hujii hamaa ormaa ka inni afoo isaaniitii balleesse hojjatan; akkasuma waan hamaa mootonni Israa'elii barsiisan fudhatan. Ijoolleen Israa'elii afoo Rabbiititti waan qajeelaa hin taane dhossa'aan hojjatan; qachaa ufii maraa keessatti gamoo waardiyyoonni irra dhaabatanii eegan irraa jalqabee haga qachattii dallawamtee gubbaa irratti hulee sagadaa ijaaran. Tulloota dhedheeraa maraa irratti, mukkiin lalisaa jalatti sooddu'uu fi hulee itti waaqeffatan ijaaran. Orma Rabbi afoo isaaniitii balleesse hojjatanii hulee sagadaa ka tulloota maraa irratti hixaana aarsa'aa turan. Waan hamaa hojjatanii Rabbiin aarsanii waaqolee tolfamaa Rabbi dhoogge waaqeffatan. Rabbi isaaniin «Hujii hamaa hojjattan dhiisaa'a; ajaja abboota keessanitti kenne, ajajaa fi seeraa raattota garboota tiyyaan isinitti erge maraa eegaa'a» jedhee raattota maraa fi afaan worra raaguu maraan Israa'elii fi Yihuuda'atti hime. Isaan garuu akka worra Rabbii Waaqa ufiitii hin amanneetitti akka abboota ufii lum'a jabaatan malee Rabbiin hin dhageenne. Waadaa inni abboota isaaniitii galee fi seera inni jabeesse, raaga isaallee tuffatani waan duwwaa ta'e hojjatanii worra bu'aa hin qabne ta'an; waan Rabbi isaan ajaje dhiisanii orma naannoo isaanii jiran hordofan. Ajaja Rabbii waaqa ufii maraa dhiisanii sibiila baffame irraa fakii waatilee lamaa hojjatan; muka hulee itti waaqeffataniillee hin dhaaban; uumama sami'iitiillee hin sagadan. Ijoollee ufii ka dhiiraatii fi ta intalaa ciincaa godhan; isaan worra moruu fi worra asmaa hojjatu ta'an; waan hamaa Rabbiin afo'otti hojjatanii isa aarsan. Sababaa kanaaf Rabbi Israa'eliin guddisee lolee afoo ufiitii isaan balleesse; afoo isaatitti gosa Yihuuda'aa malee womaa hin hafne. Namoonni Yihuuda'aallee cubbuu worri Israa'elii hojjatan hojjatan malee ajaja Rabbii Waaqa ufii hin eenne. Rabbi fiixaa Israa'elii maraa jibbee diintota isaan saamanitti dabarsee isaan kenne. Rabbi worra Israa'elii Yihuudaa irraa haga fooyeen maayessa worri Israa'elii ilma Naabaaxii Iyyoorbi'aamiin filanii uf irratti moosisan. Iyyoorbi'aamillee akka isaan Rabbiin dhiisan godhu'uuf gara cubbuu hama'aatitti isaan geesse. Mootiin Asoorii namoota biyya Baabilooniitii Kuta'aa, Awa'aa, Hamaatii fi Seefarwaayimiitii fidee bikka ijoollee Israa'elii qachoota Samaariya'aa keessatti isaan quphachiise; isaanillee biyya Samaariya'aa dhaalanii isii keessa taa'an. Achi keessa haga jiraachuu jalqaban Rabbiin sodaatan. Rabbillee leencan isaanitti ergee isaan fixe. «Baniin ati akka isaan qachoota Samaariya'aa keessa jiraatan goote banii seera waaqa biyya sanii beekan ta'anii hin argamne. Sababaa kanaaf oduun ‹Rabbi leenca isaan caccabsee ajjeesu isaanitti erge› jedhu isa gaye. Kanaafuu mootichi, «Gadoota boojinee finne keessaa tokko achi ergaa'a; achi deemanii seera waandhi tolfamaan biyya sanii ajaje akka banii barsiisan godhaa'a» jedhee ajaje. Kanaaf gadichi gosa Israa'elii ka booji'ame deebi'ee Beeteeliin taa'e; achitti baniin akkamitti akka Rabbiin waaqeffatu barsiise. Baniin Samaariya'atti quphate garuu ufumaa waaqa tolfamaa hojjatanii hulee gooddaa yookaan tulluu worri Israa'elii irratti waaqeffatan irra kaayan; gareen maruu qachaa ufii keessa jiraatanitti waaqa tolfamaa ufiif hojjatan. Namoonni Baabiloonii waaqa tolfamaa Sikootinaam jedhamu hojjatan; namoonni Kutaamii waaqa tolfamaa Ergeel jedhamu hojjatan. Namoonni Hamaatii waaqa tolfamaa Asaat jedhamu hojjatan. Namoonni Awuutotaa waaqa tolfamaa Albaaziirii fi Tartaaqiiniin hojjatan; namoonni Seefariyaawotaa waaqa tolfamaa Adireemeelikii fi Anamaaleekii ijoollee ufii ibiddaan guba'aa turan. Namoonni kunniin ammallee Waaqa dhuga'aa Rabbiifillee hin sagadan; garee maraa keessaa worra waaqa tolfamaa worra Aramaawotaa gadoota hulee ciinca'aatitti tajaajilan filatan. Akkaataa kanaan Rabbiin waaqeffachuu jalqaban; karaa biraatiin akkuma worra armaan dura isaan woliin turan waaqeffataniititti waaqa tolfama'aa sagada'aa turan. Haga adhaa woma duraan godhan san hojjatan; Rabbiin hin sodaanne; akkuma Rabbi ijoollee Yaaqoobii ka Israa'el jedhee waame ajajetti seera, murti'ii fi ajaja isaa hin raawwatan. Rabbi isaan woliin waadaa galee waaqolee tolfamaa biraa hin sodaatinaa'a; isaaniillee hin sagadinaa'a; ciincaallee isaanii hin ciincessinaa'a jedhee isaan ajaje. Garuu Rabbii irree ufii jaba'aan biyya Misiriitii isin baase sodaadhaa'a; sagada'aafille'e. Seera, ajajaa fi murtii inni isinitti kenne haga bara baraa eegaa'a; waaqolee tolfamaa biraa hin sodaatinaa'a. Waadaa ani isin woliin gale hin irraanfatinaa'a; waaqolee tolfamaa biraa hin waaqeffatinaa'a. Rabbii waaqa keessan sodaadhaa'a; inni diintota keessan maraa jalaa isin oolcha.» Isaan garuu woma dura baratan godhan malee isaa hin dhageenne. Worri ormaa kun Rabbiin sodaatan; akkasuma fakii waaqa tolfamaa ufiif hojjatan waaqeffatan; ijoollee isaanii, ijoolleen ijoollee isaanii akkuma abboonni isaanii godha'aa turan isaanillee haga adhaa akkasuma godhan. Bara ilmi Eela'aa Hooseen Israa'eliin irratti mooye woggaa sadeesso'ootitti ilmi Aka'aazii Hisqiyaas Yihuudaa irratti mooye. Hennaa mooyu inni nama woggaa diddamii shaniiti; inni teessoo ufii Yerusaalemiin godhatee woggaa diddamii sagalii bulche; haadha isaa Abiyaa Zakkaariyaasitu uumate; inni akkuma abbaan isaa Daawiti Rabbiin afo'otti waan mishaa godhe akkasuma waan mishaa godhe. Hulee sagadaa ka tulloota irra jiru hin balleesse; soodduu itti waaqeffatanillee hin caccabse; muka jalatti waaqeffatan hin cire; bofa Muuseen naasii irraa hojjate ka maqaan isaa Na'ushtaa jedhamu ijoolleen Israa'elii haga bara sanii hixaana aarsa'aafii waan turaniif hin caccabse. Inni Rabbii Waaqa Israa'elii abdii godhate; mootiin isaan maayessa turellee yoo ta'e ka duraa mootiin akka isaa Yihuudaa keessa hin turre. Inni Rabbiin wolii gale isa irraallee hin fagaanne; ajaja Rabbi Muusee ajajellee hin eege. Rabbi waan isa woliin jiruuf karaa deemu marattuu yookaan wonti inni hojjatu hin qajeeleef; inni mootii Asoorii irratti badoomee gibira gabbaru'uufii dide. Inni worri Filisxeemotaa Gaaza'aa haga daangaa isi'ii hulee waardiyyoonni eeganii jalqabee haga qachattii dallawamtee hin dhaye. Hisqiyaas mooyee woggaa arfeesso'ootitti yookaan Hooseen Israa'eliin irratti mooyee woggaa torbeesso'ootitti mootiin Asoorii Seelminaasoor Israa'eliin irratti balaa buusee Samaariyaa marsee, Woggaa sadeesso'ootitti guutumaan guutu'utti Samaariyaa qabate; wonti kun Hisqiyaas Israa'eliin irratti mootii ta'ee woggaa jaheesso'oo fi Hooseen mooyee woggaa sagaleesso'ootitti ta'e. Mootiin Asoorii worra Israa'elii booji'ee gara Asoorii fide; isaan keessaa namoota hagoo qachaa Alaaheenasaatitti, namoota hagoo garuu Aboorii laga Goozaanii qachaa Meedoonii bira isaan kaaye. Sababaan Samaariyaan kufteef waan worri Israa'elii Rabbii hin ajajamneef; waadaa inni isaan woliin gale waan diiganii fi seera tajaajila Rabbii ka karaa Muuse'eetiin isaanii kennamee waan ajajamuu didaniif. Bara Hisqiyaas mooye woggaa kudha arfeesso'ootitti mootiin Asoorii Senaakireem balaa buusee qachaa Yihuuda'aa ta dallawamte qabate. Mootiin Yihuuda'aa Hisqiyaas, «Ani si yakkeera, waan ati naan jettu maraa hin fudhadha» jedhee ergaa gara mootii Asoorii erge; mootiin Asoorii mootii Yihuuda'aa Hisqiyaasiin, «Wonti ani barbaadu saqilii kuma kudhanii fi worqii saqilii kuma tokkoo akka naa ergitu» jedheen. Hisqiyaasillee birri'ii fi worqii mana Rabbiitii fi mana galmee mootichaa keessatti argame maraa kenneef. Hennaa san Hisqiyaas balbala mana woyyummaa Rabbiitii fi worqii qasatoo balbalaa irratti maxxansellee itti eda'ee gara Senaakireemii erge. Kun akkanatti uduu jiru mootiin Asoorii lammeesso'oo fi loltoota jabaate guddaa laakishii kaasee gara Yerusaalemii duulchisu'uun Hisqiyaasiin irratti balaa akka buusan ajaje; loltoonni sunniin namoota baallii guddaa qabaniin masakkaman; isaan akkuma Yerusaalemiin gayaniin haroo boyii karaa gubba'aatiin yaa'u biraan karaa gara worra uffata miican fidu qabatan. Kanaan maayessa mooticha waaman Eeliyaaqeem ilmi Keelqiyaasii ajajaan manaa barreessaan Saaminaasii fi barreessaan seena'aa Yoo'aas ilmi Asaafii gara isaanii dhufan. Raafaasiqiisi worra ergamaniin akkana jedhe, «Hisqiyaasitti mootiin guddaan Asoorii akkana jedha jedha'aa himaa'a jedhee erge; mootiin wonti ati amma itti abdattu kun maali'i? oduu baay'essuun kee hunna woraanaatii fi mala waan sii ta'u seetaa? Waan eennu si gargaaru seeteeti wonti ati Asooriin irratti kaateef? mootiin Misirii na gargaara jettee yoo qabatte inni akka ulee leemmanii ta bordifatan ta cabdee harka nama madeessituuti. Isin Rabbii Waaqa keennatti abdanna yoo naan jettan Hisqiyaas Yihuuda'aa fi Yerusaalemiin hulee ciinca'aa ka Yerusaalemiin afoo jiruutitti sagadaa jedhee hulee sagadaa ka tulloota irraatii fi hulee ciinca'aa maraa ka diissise kanaamii? Amma garuu mootii Asooriititti morkattee worra isa irra taa'an uduu ka argachuu dandeettu ta'ee ani faradoo kuma lamaa sii kenna. Waan gaarii fardaatii fi waan faradoo Misirii abdattu nama baallii qabu ka mooticha kiyyaa gad ta'e afoo attamitti dhaabachuu dandeetta? Ani amma ajaja Rabbii malee hulee kana balleessu'uuf bayeeraa? Rabbi «Gara biyyattii tanaa dhaqii balleessi» naan jedhe. Kanaan maayessa ilmi Keliqiyaasii Eelyaaqeem Seminaasii fi Yoo'aas Rafaasqiisiin «Nu garboonni tee si dhageennaa afaan Sooriya'aatiin akka nutti himtu si kadhanna; baniin dallawa irra jiru maruu afaan dhagayaniin ka Ibraayisxiitiin nutti hin himin» jedhaniin. Rafaasqiis garuu, «Gooftaa kiyya akka jecha kana dubbadhu gara keetii fi gara gooftaa kiyyaa na ergeeraa? Akka isin woliin udaan lukku'uu nyaatanii akka fincaan ufii dhugan wonti dubbadhuuf akka worri dallawa keessa jiran maruu dhagayaniif» jedhee isaanii deebise. Kanaan maayessa Rafaasqiis hulee taa'ee ol ka'ee laagaa gudda'aan afaan Ibraayisxiitiin akkana jedha'aa dubbachuu jalqabe; «Waan mootiin moototaa Asoor isiniin jedhu dhagayaa'a! Waan Hisqiyaas isiniin jedhuun hin sobaminaa'a; inni sirimaa isin hambisuu hin danda'u. Hisqiyaas Rabbitti amanaa'a inni isin fayyisaa; qachaan teenna akka harka loltoota Sooriya'aa jala hin galle nu irraa dhoogga» jedha'aa ka inni isin gorsu hin dhagayinaa'a. Mootiin Asoorii akkana isiniin jedha ‹gara kiyya koottaa'a; na woliinillee araaramaa'a; isin maruu woyinii keessanii fi muka hurbu'uu irraa nyaadhaa'a; boolla bisaanii keessan keessaallee bisaan dhugaa'a; wonti kun maruu ka ta'uuf mootichi gara biyya teessan fakkaattuu isin fidee haga achitti isin quphachiisuuf; biyya san keessa hulee dhaabni woyini'ii itti argamuu fi lafa qonnaa ka midhaan irraa argamutu jira; lafti sunillee daraaraa ejersaa, dhadhaa ejersaatii fi ka dammi keessa guute; waan mootichi isin ajaje yoo gootan lubbu'uun jiraattan malee hin duutan; kanaafuu Hisqiyaas Rabbi isin hambisa jedha'aa akka isin hin gowwoomsine. Dhugama waaqoleen tolfamaan worra ormaa harka mootii Asoorii jalaa isin hambisuu hin danda'anii? Waaqoleen tolfamaan Haamaatii fi Arfaadii eessa jiran? Waaqoleen tolfamaan waayimii, seefeeriitii fi ka henna'aa ka Iwaamiillee eessa jiran? Samaariyaa harka kiyya jalaa baasuu hin danda'anii? Rabbi Yerusaalemiin harka kiyya jalaa baasu'uuf waaqolee biyya keessa jiran maraa biyyattii ka harka kiyya jalaa hambise eennu?» jedhe. Mootii akka baniin deebii tokkollee isaan hin deebifne waan akeekkachiiseeruuf baniin hin cadhise; waan tokkollee isaa hin deebifne. Kanaan maayessa ilmi Keliqiyaasii Eeliyaaqeem, barreessaan seena'aa Saaminaas, barreessaan seena'aa ilmi Asaafii Yoo'aas uffata ufii tarsaasanii gara Hisqiyaasii dhaqanii waan Rafaasqiis isaaniin jedhe itti himan. Mootichi Hisqiyaas haga waan kana dhagaye gaddee uffata uf irratti tarsaasee uffata gaddaa uffatee gara mana Rabbii seene. Inni ajajaa manaa Eeliyaaqeem, barreessaa Seminaasiin manguddoonni gada'aa uffata gaddaa uffatanii gara Isaayyaasii raatticha ilma Amootsii akka dhaqan itti hime. Isaanillee Isaayyaasiin «Hisqiyaas ‹guyyaan kun guyyaa rakkoo gudda'aati; adabbiin nama saalfachiisuu fi salphinni nu irra gaya'aara; hennaan ijoolleen itti dhalattu gayeera; akka dubartii ciniinsuun qabee hunna hin qabnee ta'aniiran. Mootiin moototaa Asoor Rabbii jiraataa akka arrabsu nama baallii guddaa qabu ergeera; Rabbi Waandhi kee arraba kana dhagayee ka arrabsu san adabuu danda'a; kanaafuu namoota banii keenna keessaa lubbu'uun hafanii yabo'oo Rabbiin kadhu» jedheen. Akkasuma garboonni mootii Hisqiyaasii gara Isaayyaasii raattichaa dhaqan. Isaayyaasillee isaaniin, «Rabbi mootii keessaniif akkana jedha; ‹arraba garboonni Asoorii na arrabsan hin sodaatin. Ani kunoo hafuura oduu lolaa dhageessisu erga; oduu dhagayee gara biyya ufii deebi'a biyya san keessatti akka guraade'een du'u godha› » jedhe. Ajajaan loltoota Asoorii nama miidhu'uuf qe'ee ufii Laakishii ka'ee Libinaa woraanu'uuf akka inni achi deeme dhagayee innillee garas deeme; inni mootiin Itoophiya'aa Tirihaaqi si woraanu'uuf dhufeera oduu jedhu hennaa dhagaye ergaa akkana jedhu gara Hisqiyaasii erge. «Mootii Yihuuda'aa Hisqiyaas! Waandhi ati itti amante ‹Yerusaalem mootota Yihuuda'aa jalatti hin kuftu› jedhee si hin sobin. Kunoo waan mootonni Asoorii biyya maraa irratti godhanii fi attamitti akka balleessan dhageetteerta; ati kanaan amma waan jalaa baatu seetaa? waaqoleen ormaa ka abboonni teenna balleessite Goozaaniin, Kaaraaniin, Raafiisi, ijoollee Eedeenii ka Batalaasaarii jiran oolcheeraa? Inni isaaniin mootii Haamaatii mootiin Arfaatii, mootii qachaa Seefarwaayii mootiin Eenaanna'aa fi mootiin Eewa'aa eessa jiran?» Hisqiyaas haga worra xalayaa geessan irraa fuudhee dubbiseen maayessa gara mana Rabbii seenee Rabbiin afo'otti badhise. Hisqiyaas Rabbiin «Yaa Rabbi; Waaqa Israa'elii ka Kiruubeeliin irra teettu! ati hojjuma keetitti Waaqa; ati Waaqa mootota ardii maraati; ati ardi'ii fi samii uumteerta. Yabo'oo gurra kee gara keenna qabii nu dhagayi; yabo'oo ija kee banii nu laali; dubbii Senaakireem Rabbiin morku'uuf dubbate laali. Yaa Rabbi mootonni Asoorii banii baay'ee fi biyya isaanii maraa balleessaniiran. Hujii harka namaa ka dhaga'aa fi muka irraa bocamee hojjatame malee waaqolee tolfamaa waan hin taaneef ibidda keessa buusanii balleessan. Yaa Rabbii keenna mootonni biyya maraatuu ati callaan Rabbii waaqa akka taate akka beekan harka isaa jalaa akka nu baaftu si kadhadha» jedhee isa kadhate. Kanaan maayessa ilmi Amootsii Isaayyaas gara mootii Hisqiyaasii ergaa akkana jedhu erge; «Rabbi Waandhi Israa'elii kadhaa waan Senaakireemii mootii Asoorii na kadhatte dhagayeera siin jedha. Dubbiin Rabbi waan isaatiif dubbate kana; durbi Tsiyoonii si tuffatti; sitti balditi uduu ati dheessa'aa jirtu durbi Yerusaalemii mataa ufii sitti raafti. Ka ati uggitee arrabsite eennu? laagaa kee eennuun irratti ol qabatte? eennuun ija uf jaju'uutiin laalte? Rabbii woyyuu Waaqa Israa'elii irrattiimii! Ati baay'inna gaarii fardaa kiyyaan gara gaara dheera'aa ka Libaanosiin jalaa irra bayeera; birbirsoota dhedheeraa'a, hindheessa filatamellee ciree gara daangaa biyyaatii fi gara bosona Qarmeloosii gala.› jetteerta. ‹Lafa qotee bisaan dhuga; bisaan ittifame maraa kophee miila kiyyaatiin gossa› jettee ergamtoota ergitee Rabbiin morkite. Senaakireem! qaabadhu; ani waan maraa akka jalqaba hojjadhee fi godhe hin dhageennee? Ammallee qachoota dallawaman akka diiggamanii tuulaman si goosise. Kanaafuu worri isii keessa jiraatan harki isaanii hareera; nayanii raafamaniiran; akka marga raasa'aa, akka biqila lalisee, akka marga gamoo irra jiruutii fi akka midhaan waagiin dhayee ta'aniiran. Ani garuu teettee ka'uu kee, bayaa gala kee, akkasuma akka na mormite hin beeka. Lolli keetii fi uf jajuun kee gurra kiyya waan seeneeruuf funyoo funyaan keetitti; lugaamallee afaan keetitti godhee karaa duraan dhufte keessa si deebisa.» Kanaan maayessa Isaayyaas mootii Hisqiyaasiin akkana jedhe; «Malkanni wonti kun akka ta'u mudhisu kana; bara kanaaf ka dhufuttillee midhaan uduu hin facaafne ufiin bayu nyaattan; woggaa sadeesso'ootitti garuu midhaan facaafattanii haamattan; woyiniillee dhaabdanii daraaraa isaa nyaattan; manni Yihuuda'aa ka du'a irraa hafe hin jabaata; hidda gad fageeffata; worri Yerusaalemii fi gaara Tsiyoonii irraa hafan hin dhufan Rabbiin gooftaan banii maraa uduu kana hin raawwanne hin dhiisu. Kanaafuu Rabbi waan mootii Asoorii akkana jedha; «Inni gara qachaa tanaa hin dhufu; eboollee hin darbatu; wonteellee qabatee hin dhufu; kaabaa biyye'eellee hin hojjatu. Karama dhufe saniin deebi'ee gala; gara qachattii tanaa hin dhufu» jedha. Qachattii tana ulfinna kiyyaa fi akkasuma waan abdii garbicha kiyya Daawitii kenneetiif jedhee lolee isii hambisa.» Halkan san maleekkaan Rabbii gara ganda Asoorii dhaqee namoota kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii shanii ajjeese; hennaa namoonni ganamaan ka'an maruu du'aniiran. Mootiin Asoorii Senaakireemillee uf duuba deebi'ee dheessee gara Nanawwe'ee deebi'ee taa'e. Guyyaa tokko uduu inni mana sagadaa ka Waaqa ufii Sanaasaarakiin keessatti sagadu ijoolleen isaa Adraameekii fi Saraasar isa ajjeesanii gara biyya Araaraatii dheessan; bikka isaa ilma isaa Asrado'otu mooye. Bara san mootichi Hisqiyaas dhibamee du'uu gaye; Isaayyaas raattichi ilmi Amootsii gara isaa dhaqee, «Rabbi ‹ati hin duuta; lubbu'uun hin jiraattuu mana midhaaffadhu› siin jedha» jedheen. Hisqiyaasillee fuula ufii gara dhaaba manaa deebisee akkana jedhee Rabbiin kadhate; «Yabo'oo akka ani si afo'otti garaa kiyya guutu'uun jiraadhee fi akka waan si gammachiisu godhe san akka qaabattu si kadhadha!» jedhee mararamee booye. Uduu Isaayyaas wadhakkaa qachatti'ii hin geenne dubbiin Rabbii ka akkana jedhu itti dhufe; «Deebi'iitii bulchaa banii kiyyaa Hisqiyaasiin akkana jedhi ‹Rabbiin Waandhi abbaa kee ka Daawitii akkana siin jedha; kadhaa kee dhagayeera; imimmaan keellee argeera; si fayyisa; guyyaa sadihiin maayessa gara mana woyyuu Rabbii ol baata. Umurii qabdu irratti woggaa kudha shanii sii eda'a; si'ii fi qachattii tana mootii Asoorii harkaa hin baasa; sababaa kiyyaaf waan garbicha kiyya Daawitiitiif jedhee qachattii tana hin oolcha› » Kanaan maayessa Isaayyaas tajaajiltoota mootichaatiin, «Daraaraa muka hurbu'uu ka baxxeeffame naa fidaa'a» jedhe; isaanillee fidanii iita isaa irra kaayan; Innillee hin fayye. Hisqiyaasillee Isaayyaasiin «Rabbi akka na fayyisuu fi guyyaa sadihiin maayessa gara mana woyyuu Rabbii dhaquu akka danda'u malkata maali'iin beeka?» Jedhee gaafate. Isaayyaasillee «Rabbi waadaa gale waan raawwatuuf inninuu malkata sii kenna eeganaa gaaddidduun ati amma filattu tarkaanfii kudhanii gara afo'oo akka deemu barbaadda moo? tarkaanfii kudhanii gara duubaa akka deemu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Hisqiyaas «Gaaddidduun tarkaanfii kudhanii gara afo'oo akka deemu godhu'utu salpha'a; kanaafuu tarkaanfii kudhanii gara duubaa akka deebi'u naa godhi» jedheen. Isaayyaasillee Rabbiin kadhatee Rabbillee kortoo mootichi Hisqiyaas hojjate irratti gaaddidduun irratti ta'e tarkaanfii kudhanii gara duubaa akka deebi'u godhe. Hennaa san mootiin Baabiloonii ilmi Baaldaanii Maaroodaak Baabiloonii akka mootiin Hisqiyaas dhibamee ture dhagaye. Hisqiyaasillee worra ergaman gammachu'uun simate; mana galmee mootumma'aa ka meesha'aa maraa, birrii'i, worqii, urgoo adda addaa, dhadhaa ejersaa mishaa'a, gola mana meeshaan keessa jiruu, waan mana galme'ee keessa jiru maraa itti mudhise; inni waan bulchiinsa isaa keessa jiru maraa keessaa wonti inni isaanitti hin mudhifne hin jiru. Hennaa san Isaayyaas raattichi gara mootii Hisqiyaasii dhufee «Namoonni kunniin maal siin jedhan? Garamii gara kee dhufan?» Jedheen. Hisqiyaasillee «Biyya fago'o; Baabiloonii dhufan.» jedhee deebiseef. Innillee «Isaan wonti mana mootumma'aa kee keessatti argan maali'i?» jedheen; Hisqiyaasillee waan mana mootumma'aa keessa jiru maraa arganiiran; waan galmee mana mootumma'aa keessa jiru keessaa wonti isaanitti hin mudhifne hin jiru» jedheen. Isaayyaasillee Hisqiyaasiin «Rabbii Waandhi waa maraa danda'u akkana siin jedha ‹Kunoo abboonni tee ta durii waan haga adhaa kuufatan qabeenni mana mootumma'aa kee keessa jiru maruu fuudhamee womaa uduu hin hafne barri gara Baabiloonii itti fudhatamu hin dhufa» jedha Rabbi. Fiixaa kee keessaa gari gariin gara Baabilooniititti booji'amanii mana mootummaa Baabiloonii keessatti worra moototaatii tajaajilan. Mootichi Hisqiyaas keessattuu bara ufii wobiin nagayaan jiraachu'uu akka jiru waan hubateef «Rabbi si ergee wonti ati natti dubbatte misha'a» jedhee deebiseef. Wonti mootichi Hisqiyaas godhe ka biraa gara jabeenni isaa maruu, akkasuma gongaa bisaanii attamitti akka hojjatee fi gara qacha'aa bisaan fidu'uuf boyii bisaan keessa yaa'u attamitti akka hojjate galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera. Hisqiyaas du'ee bikka isa ilma isaa Minaase'etu mooye. Minaaseen bara Yihuudaa irratti moowu umuriin isaa woggaa kudha lama ture; inni Yerusaalemiin keessa taa'ee woggaa shantamii shanii bulche; maqaan haadha isaa Hafseeba'a. Minaaseen akka worri Israa'elii hennaa gara biyya waadaa isaanii galameetitti galan waaqolee ormaa ka Rabbi afoo isaaniitii balleessee fi hujii hamaa worri ormaa hojjatan hojjata'aa Rabbiin gaddisiise. Inni hulee sagadaa ka tulloota irraa ka abbaan isaa Hisqiyaas diige deebisee ijaare; akkuma mootiin Israa'elii Aki'aabi godhe waaqa tolfamaa ba'aaliif hulee ciinca'aa hojjate; muka jalatti waaqeffatanillee hin dhaabe; waaqolee sami'ii maraafuu sagada'aa waaqeffate. Hulee Rabbi maqaa kiyyatu itti waamama jedhe Yerusaalemitti mana Rabbii keessatti hulee ciinca'aa ijaare. Mana woyyuu Rabbii keessatti hulee itti bayan lamaan irratti waaqolee sami'iitii hulee ciinca'aa ijaare; Ilma ufii ciincaa godhee dhiyeesse; inni ka moruu fi ka asmaa hojjatu ta'ee mortootaa fi worra hafuura worra du'anii waamu irraa gorsa fudhata'aa ture; sababaa waan kanniin godheef, cubbuu guddaa waan hojjateef Rabbiin dallansiise. Rabbi Daawitii fi ilma isaa Solomooniin Yerusaalemii gosa Israa'elii maraa keessaa filadhe; mana kana keessatti maqaan kiyya baraa haga bara baraa waamama; Ajaja garbichi kiyya Muuseen ajaje maraa yoo godhanii fi yoo eegan biyya abboota isaaniitii kenne keessaa Israa'eliin hin baasu mana jedhe keessatti muka itti waaqeffatu'uuf bocamee fi fakii qirqidame dhaabe. Worri Yihuuda'aa dubbii Rabbiitii hin ajajamne; sirimaa Minaaseen worra Israa'eelii masakka'aa dhufee cubbuu banii Rabbi afoo isaaniitii buqqisee balleesse caalaa gara cubbuu caalutti isaan masakke. Rabbi karaa garboota ufii karaa raattotaatiin akkana jedhee dubbate «Mootiin Yihuuda'aa Minaaseen waan battii kana maraa hojjateef cubbuu armaan dura worri Amoorotaa hojjatan caalaa hojjateera; waaqolee tolfamaa hojjateen banii Yihuuda'aa gara cubbu'uu oofe; kanaafuu ani Rabbiin Waandhi Israa'elii Yerusaalemii fi Yihuudaa irratti balaan hamaan ani fidu kana; namni waan kana dhagayu maruu guddisee rifata. Ani akkuma Samaariya'aa fi mootii Israa'elii Aki'aabiin fiixaa isaa woliin adabe Yerusaalemiin hin adaba; gabateen waa irratti nyaatan akkuma dhiqamee gombifamee kaayamutti ani Yerusaalemiin cubbuu irraa hin qulqulleessa. Banii kiyya ka balaa jalaa baye akka diintota isaanii jala ta'an isaan dhiisa; inni hin booji'ama; qabeenni isaallee hin saamama. Guyyaa Misirii bayanii jalqabee haga adhaa afoo kiyyatti waan hamaa hojjatee na dallansiiseera» jedhe. Minaaseen waan hojjachu'uun cubbuu Yihuudaa hojjachiiseen ala ka biraa haga Yerusaalem dhiigaan guuttamtutti daanga'aa haga daanga'aa dhiiga namoota qulqullu'uu baay'ee jisse. Wonti Minaaseen hojjate maruu cubbuun inni hojjate galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera. Minaaseen akkuma abbootaa du'ee hulee biqiltuu Ooza'aa ta mana isaa bira jirtu jalatti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Amoontu mooye. Amoon hennaa Yihuudaa irratti moowu nama umurii diddamii lamaati; inni teessoo ufii Yerusaalemiin keessa godhatee woggaa lamaa bulche; haati isaa ta Meesaalaa jedhamtee waamamtu dhalattuun biyya Yooxiba'aa mucattii Haruusii turte. Amoon akkuma abbaan isaa Minaaseen godhe Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjate. Waan hamaa abbaan isaa hojjate, waaqolee tolfamaa abbaan isaa waaqeffate waaqeffatee sagadeef. Rabbii abboota isaa ka durii hin dhiise; karaa Rabbii irra deemuullee hin dhiise. Garboonni Amoon mooticha irratti mari'atanii mala itti malanii mana mootummaa isaa keessatti isa ajjeesan. Banii biyyaa garuu worra mooticha Amoon irratti mala malan maraa hin ajjeesan; baniin bikka ilma isaa Iyyoosiyaasiin moosisan. Wonti Amoon hojjate galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera. Amoon du'ee hulee biqiltu'uu ta «Hulee biqiltuu Ooza'aa» jedhamtutti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Iyyoosiyaasitu mooye. Iyyoosiyaas hennaa moowu umuriin isaa woggaa saddeeti ture; inni teessoo ufii Yerusaalemiin godhatee woggaa soddomii tokko bulche; haati isaa ta Yididiyaa jedhamtee waamamtu mucattii Adaya'aa dhalattuu qachaa Baasirootiiti. Iyyoosiyaas Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate; fakkeenna mishaa abbaa ufii ka Daawitii faana bu'u'uu fi seera Rabbiitii ajajamaa ta'u'uun hujii Rabbiin gammachiisu hojjate. Iyyoosiyaas mooyee woggaa kudha saddeetesso'ootitti ilma ilma Maasoolaamii Saafaaniin gara mana woyyuu Rabbii ergee akkana jedhe; «Balbala gara mana woyyu'uu seensisu ladda dhaabatanii akka birrii banii irraa wolitti qaban gadoota itti gaafatamummaan kennameef haga ammaa birrii hagamii akka guuran mudhisu ragaa herregaa ka birrii ibsu qabii koottu» jedhaniin. Birrii san itti gaafatamtoota hojjattoota mana Rabbiititti haa kennanii; isaanillee worra mana Rabbii ka diiggame ijaaraniif. Worra ogeeyyi'ii fi worra muka bocan, worra dhagaa bocan, worra hulee woyyuu haarawoomsanii fi worra mukaa fi dhagaa bocame bitaaniif haa kaffalamuu. Garuu worri hujii hujjisiisan amanamtoota waan turaniif akkaataa baasiin itti bawu isaan tooyachuun hin barbaachisu ture. Kanaan maayessa Keliqiyaas gadichi barreessaa Saafaaniin, kitaaba seeraa mana Rabbii keessatti argeera jedhe; Keliqiyaasillee kitaaba Saafaanii kenne; innillee hin dubbise. Achiin maayessa barreessaan Saafaan gara mootichaa deebi'ee, «hojjattoonni tee horii mana woyyumma'aa fuudhanii worra hujii mana woyyuu haarawoomsu'uuf muudamanitti kennaniiran» jedhee hime. Itti aansee Keliqiyaas gadichi «Kitaabni ani arge kana» jedhee Saafaan mootichaa dubbise. Mootichi hennaa kitaabni seeraa dubbifamu dhagayee gaddee uffata ufii tarsaase. Mootichi Keliqiyaasii gadicha ilma Saafaaxii, Akiqaam ilma Mikiyaasii, Akiboor barreessaa mana mootumma'aa, Saafaanii fi garbicha mootichaa Asaaya'aa ajaja armaan gadii kenneef. Anaa fi banii Yihuudaa keessa jiraatu barumsa kitaaba kana keessa jiru akka beekuu dandeennu Rabbiin nuu gaafadhu; abboonni teenna ta durii seera kitaaba kana keessatti barreeffame waan hin eenneef Rabbi guddisee nutti aareera. Keliqiyaas gadichi, Akiqaam, Akaaboor, Saafaanii fi Asaayaan gara namicha uffata eeguu gara ilma Hasara'aa gara Teeqowa'aa fi gara haadha manaa Seeleemii gara Hildaanaa raattitti'ii deeman; isiinillee Yerusaalemiin kutaa lammeesso'oo keessa teettee uduu jirtu isii woliin dubbatan. Isiinillee akkana isaaniin jette «Nama gara kiyya ergitanitti Rabbiin Waandhi Israa'elii akkana jedha jedha'aatii himaa'a. «Rabbi Waandhi akkana jedha kunoo akkuma kitaaba mootiin Yihuuda'aa dubbiseetitti namoota as jiraatan irratti waan hamaa fida; Isaan ana dhiisanii waaqolee tolfamaa ormaatiif ciincaa dhiyeessaniiran; waaqolee tolfamaa harka ufiitiin hojjatanii na dallansiisaniiranii lolli kiyya hin dhaabatu; Mootii Yihuuda'aa ka Rabbiin waa gaafachu'uuf ergitaniin akkana jedhaa'a; «Rabbi Waandhi Israa'elii akkana jedha; ‹Waan dubbii dhaggeetteetiif garaan kee waan laafeef Keessi kee tuqamee uf salphiftee uffata kee tarsaaftee waan na kadhatteef kadhaa kee dhagayeera; Kanaafuu awwalamtee abboota keetiin wolitti eda'amta; waan hamaa ani biyya kana irratti fidu ijji tee hin argitu› » jedheen. Namoonni waan kana mootichatti himan. Mootichi Iyyoosiyaas manguddoota beekkaman ka Yihuuda'aatii fi ka Yerusaalemii waame. Isaan sunniinillee gadoota, raattota, namoonni kuuwwanillee diqqaa irraa haga gugurda'aatitti gara mana woyyu'uu dhaqan; mootichi galmee dubbi'ii ka barreeffamee badee ture ka mana woyyuu keessatti argame fuudhee bani'ii dubbise. Mootichi utubaa worqi'ii bira dhaabatee akka baniin Rabbiin waaqeffatan ajajaa fi ragaa isaa, seera garaa guutu'uu fi onnee guutu'uun akka eegan dubbiin waada'aa ka kitaaba keessatti barreeffame akka raawwatamu Rabbiin afo'otti waadaa gale; baniin maruu akkasuma waadaa galan. Kanaan maayessa mootichi ajajaa gadootaa Keliqiyaasiin, gadoota isa gargaaran, worra balbala eegan waaqa tolfamaa ba'aalii fi hulee itti waaqeffatan waan waaqolee tolfamaa sami'iitiif hojjatame maraa akka mana woyyuu Rabbii keessaa baasan ajaje mootichi meeshaa kana maraa dhooqa Yerusaalemiin ala ka Qeedirooniititti ibiddaan gubee daaraa gara Beeteelii fide. Gadoota waaqolee tolfama'aa mootonni Yihuuda'aa qachoota Yihuuda'aatii fi naannoo Yerusaalemiititti dhiyaatan maraa hulee sagadaa ka tulloota irraatitti ciincaa akka dhiyeessaniif muudaman hujii irraa ari'e; waaqa tolfamaa ba'aal jedhamee waamamu ka ormaa aduu, ji'a, adunyaa aduun irra naannoftuu fi urjiiwwanii ciincaa dhiyeessu'uun tajaajilan maraa hujii irraa ari'e. Hulee itti waaqeffamu ka mukaa waaqa tolfamaa Asheeraa jedhamu mana Rabbii keessaa baasee Yerusaalemiin alatti dhooqa Qeedirooniititti gubee daaraa godhee daaraa san awwaala bani'ii irratti bittinneesse. Dhiira dhiira woliin sagaagalan ka mana woyyuu keessatti ittiin tajaajilanii fi gola dubartoonni waaqa tolfamaa Asheeraa jedhamtuu jirbii golgaa itti hojjachu'uuf fooyan diigee balleesse. Gadoota qachaa Yihuuda'aa keessa jiran maraa ari'ee baase; hulee sagadaa ka tulloota irraa Geeba'aa jalqabee haga Beersaabeehii maraa hin balleesse; hulee sagadaa ka karra seensa qachatti'ii ka karaa bita'aatiin jiru seensa balbala bulcha'aa ka Iyyaasu'uu diige. Gadoonni sunniinillee mana woyyuu keessatti akka hin tajaajille dhooggaman; garuu xoroshoo goshoota gadootaatii kennamu ka hin tuqamne akka nyaatan isaanii eeyyamamee ture. Namni kamuu ilma ufii ka dhiiraa yookaan mucattii ufii ta intalaa waaqa tolfamaa Molookiif akka ciinca'aa godhee hin dhiyeessine Toofeetii dhooqa Heenoomii keessa jirullee battii ta'uu isaanii hubachiise. Faradoo mootonni Yihuuda'aa ka waaqa tolfamaa adu'uutiif qopheessan maraa hin balleesse; fakii konkolaataa fardaa ka hulee itti waaqeffamu kana tajaajilan hin gube; wonti kunniin maruu Naataanii bulchaa armaan dura ture; kutaalee Meelek keessa jiraatu laddaa fi hulee bayaa ka balbala mana woyyu'uu biratti argama. Hulee ciinca'aa maraa ka mootonni Yihuuda'aa mana manaan gubba'aa ka Akaazii irratti hojjachiisa, mana woyyuu ka Minaaseen hujjachiisellee diissisee butuchee daaraa san dhooqa Qeedirooniititti gate. Akkasuma Yerusaalemiin irraa gara baya biiftu'uutitti, gaara battumma'aa irraa gara kibbaatitti waaqa Siidoona'aa ta astaaroot jedhamtu, waaqa tolfamaa Moo'aabii ka kaamoosh jedhamuu fi waaqa tolfamaa Amoonii ka mooleek jedhamu, fakiiwwan jibbisiisaa mootichi Israa'elii Solomoon hojjachiisee ture maraa akka battii ta'an hubachiise. Awwaallan maraa hin butuche; muka jalatti waaqeffatan muree bakka san lafee nama du'eetiin guute. Hulee ciinca'aa ka ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam Israa'eliin dogoggorsee akka cubbuu hojjatu godhe Iyyoosiyaas diigee dhagaa isaan ijaaramellee caccabsee bulleessee daaraa godhe; fakii Asheera'aallee ibiddaan gube. Kanaan maayessa Iyyoosiyaas uf duuba gara galee awwaala gaara irra jiru arge; Iyyoorbi'aam hennaa ayyaanaa ladda hulee ciinca'aa hennaa dhaabatu ka waan kanniin ijaare akkuma garbichi Rabbii dubbate akkuma dubbii Rabbii namoota ergee lafee awwaallan keessaa baasisiisee hulee ciinca'aa irratti gubee battii ta'uu akka hubatan godhe; gara nama itti dubbatamee gara awwaala garbicha Rabbii gara galee laalee, «Malkanni yaadanno'oo ka ani arga'aaru kun maali'i?» jedhee gaafate. Namoonni qachattii sanii, «Yihuuda'aa bayanii hulee ciinca'aa ka Beeteeliin irraa awwaala garbicha Rabbii ka waan ati goote kana dubbateeti.» jedhanii deebisaniif. Inni, «Dhiisaa'a eennullee lafee akka hin tundhe!» jedhe. Kanaaf isaanillee lafee raattichaa ka Samaariyaa keessaa baye woliin lafee san dhiisan.» Mootichi Iyyoosiyaas qachattii Israa'elii kamiin keessattuu hulee itti waaqeffatan ka waaqolee ormaa Rabbiin dallansiisu'uuf sababaa ta'e maraa diige; waan Beeteelitti godhe maraa hulee ciinca'aa san irratti raawwate. Gadoota hulee sagadaa ka tulloota irraa bira jiran hulee ciinca'aa irratti ajjeese; lafee namootaallee hulee ciinca'aa irratti gubee gara Yerusaalemii deebi'e. Mootichi Iyyoosiyaasi banii maraan, «Akkuma dubbii waada'aa ka kitaaba kana keessatti barreeffameetitti Rabbii Waaqa keessanii ayyaana faasika'aa ayyaanteffadhaa'a» jedhe. Hennaa Abbootiin murti'ii biyya bulchan irraa jalqabee haga ammaa karaa mootota Israa'elii yookaan Yihuuda'aatiin ayyaanni Faasika'aa ka kana fakkaatu ayyaanteffamee hin beekkamu. Garuu Iyyoosiyaas mooyee woggaa kudha saddeetesso'ootitti ayyaanni faasika'aa Yerusaalemitti kabajjame. Dubbiin gadichi Keliqiyaas galmee kitaabaa keessatti barreeffame dubbate akka raawwatamuuf mootiin Iyyoosiyaas worra ayyaana hamaa waamanii fi mortoota maraa, waaqolee maati'ii, waaqolee tolfamaa, meeshaa waaqolee tolfama'aatii fi meeshaa waaqoleen ormaa itti waaqeffaman maraa balleesse. Namni akka Iyyoosiyaasii seera Muuse'eetii ajajamu'uun onnee guutu'uun, qalbii ufii guutu'uu fi hunna ufii guutu'uun Rabbiin tajaajile hin jiru. Garuu wonti kun maruu ta'ee sababaa mootichi Minaaseen waan hamaa godheef lolli Rabbii hamaan ka Yihuudaa irratti ka'e haga adhaa hin dhaabanne. Kanaaf Rabbi waan Israa'eliin irratti godhe akkasuma Yihuudaa irrattillee godha; banii Yihuuda'aa afoo kiyyaa balleessa; qachaa filadhe Yerusaalemii mana woyyuu ka Maqaan kiyya achitti waamama jedhe hin dhiisa» jedhe. Wonti mootichi Iyyoosiyaas hojjate maruu kitaaba galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera. Bara mootummaa Iyyoosiyaasii mootiin Misirii Nitaa'uun mootii Asoorii gargaaru'uuf loltoota ufii qabatee gara laga Eefraaxisii dhaqe; mootichi Iyyoosiyaas Meegido'otti loltoota Misirii ittisu'uuf lolee lola san keessatti du'e. Haga inni du'een maayessa reeffa isaa garboonni isaa gaarii fardaatitti fe'anii Maagido'oo gara Yerusaalemii fidanii achitti awwaala moototaatitti awwaalame; namoonni Yihuuda'aa ilma Iyyoosiyaasii Iyyoo'akaaziin filanii muudanii bikka abbaa isaa moosisan. Iyyoo'akaaz hennaa Yihuudaa irratti moowu nama umurii diddamii sadihii ture; inni teessoo ufii Yerusaalemiin keessa godhatee ji'a sadihii bulche; haati isaa ta Amixaal jedhamtee waamamtu mucattii Ermiyaasii dhalatte ta qachaa Libina'aati. Iyyoo'akaazillee akkuma abboota ufii ta duraa Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjate. Isa mootiin Misirii ka Nikaa'uu jedhamee waamamu Iyyoo'akaaz akka Yerusaalemiin irratti hin moone Rabilaa biyya Haamaatii keessatti argamtutti hidhee baniin Yihuuda'aa gibira saqilii dhibba tokkoo fi worqii saqilii tokko akka gabbaru hennaa godhe saqiliin sun bara dhuma mootummaa Iyyoo'akaazii itti raawwate ta'e. Mootichi Nikaa'u ilma Iyyoo'akaazii Eeliyaaqem bikka abbaa ufii mootii taasiseen; maqaa isaallee Iyyoo'aaqeem jedhee itti baase; mootichi Iyyoo'akaazi mooticha Nikaa'u booji'amee gara biyya Misirii dhaqee achitti du'e. Iyyoo'aaqem birri'ii fi worqii mootichi Nikaa'u gaafate kaffale; waan kana kaffalu'uuf namni maruu haga ufii danda'u akka kaffalu banii gibira gaafate. Iyyoo'aaqem hennaa moowu nama umurii diddamii shanii ture; inni teessoo ufii Yerusaalemiin keessa godhatee woggaa kudha tokko bulche; haati isaa ta Zaabidaa jedhamtee waamamtu mucattii Faadiya'aa dhalattuu biyya Rooma'aa turte. Iyyoo'aaqem akkuma abboonni isaa ta duraa waan hamaa hojjatan innillee Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjate. Bara Iyyoo'aaqem mootii ta'ee jiru mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor biyya Yihuuda'aa marsee qabate; Iyyoo'aaqem woggaa sadihii haga isa gabbareen maayessa hennaa lammeesso'ootitti hin dide. Rabbi Yihuudaa balleessu'uuf karaa garboota ufii wonti raattotaan dubbate akka raawwatamu Iyyoo'aaqemiin irratti loltoota Baabiloonii, loltoota Sooriya'aa, loltoota Moo'aabiitii fi Amoonotaa kaase. Wonti Iyyoo'aaqem hojjate galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera. Iyyoo'aaqem du'ee bikka isaa ilma isaa Iyyoo'aakinitu mooye. Mootiin Baabiloonii laga Eefraaxisiitii haga biyya Misirii ta daangaa gara kaabaatiin jirtuu qabeenna Misirii maraa uf jala taasisee waan tureef mootiin Misiriitii fi loltoonni isaa achiin maayessa Misiriin alatti gara biraa hin duulle. Iyyoo'aakin hennaa Yihuudaa irratti moowu nama umurii kudha saddeetii ture; inni hulee jireenna ufii Yerusaalemiin keessa godhatee ji'a sadihii bulche; haati isaa ta Neestaa jedhamtee waamamtu mucattii Eelnaata'aa dhalattuu biyya Yerusaalemii turte. Innillee akkuma abbaan isaa Rabbiin afo'otti hamaa hojjate waan hamaa hojjate. Ji'oota sanniin keessa mootonni Baabiloonii Yeruusaalemiin irratti duulanii marsanii qabatan bara mootummaa Iyyoo'aakimiiti. Hennaa loltoonni Yerusaalemiin marsan mootiin Baabiloonii Naabukadanatsoor gara qachatti'ii dhufe. Mootichi Iyyoo'aakin haadha ufii ijoollee abboota murti'ii, ajajoota loltootaa fi worra baallii qaban woliin dhaqee worra Baabilooniititti harka kennate; Nabukadanatsoor mooyee woggaa saddeetesso'ootitti Iyyoo'aakiniin qabee hidhe. Inni qabeenna mana woyyuu keessa jiruu fi ka mana mootumma'aa keessa jiru maraa wolitti qabee gara Baabiloonii fide; akkuma armaan dura dubbii Rabbi dubbateetiin meeshaa worqi'ii ka mana woyyuu keessatti mootichi Solomoon hojjachiise maraa caccabse. Nabukadanatsoor banii Yerusaalemii ijoollee abboota murti'iitii fi namoota gugurdaa biraallee itti eda'e wolitti qabaa namoota kuma kudhanii booji'ee fudhate; isaan woliinillee ogeeyyii hujii harkaatii fi worra hujii sibiilaa hojjatan maraa fudhate; Yihuudaa keessatti namoota hiyyeeyyii womaa hin qabne callaa dhiise. Nabukadanatsoor Ikooniyaaniin hidhee haadha isaa, haawwota biraa, worra baallii qabanii fi namoota gugurdaa Yihuuda'aa maraa wolitti qabee gara Baabiloonii fide. Mootiin Baabiloonii worra dhiiraa ka loluu danda'an akkasuma worra sibiila tuman namoota kuma torbaatii fi worra ogummaa hujii harkaa hojjatan kuma tokko gara Baabiloonii fide. Nabukadanatsoor bikka Ikooniyaanii eessuma Ikooniyaanii ka Maataaniyaa jedhamee waamamu Yihuudaa irratti mootii taasisee maqaa isaa jijjiiree Seedeeqiyaas jedhee itti baase. Seedeeqiyaas hennaa Yihuudaa irratti moowu nama umurii diddamii tokkoo ture; inni teessoo ufii Yerusaalemiin keessa godhatee woggaa kudha tokko bulche; haati isaa ta Amixaa jedhamtu mucattii Ermiyaasii dhalattu ta qachaa Libina'aa turte. Akkuma Iyyoo'aakin waan hamaa hojjate Seedeeqiyaasillee Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjate. Rabbi banii Yerusaalemiitii fi banii Yihuuda'aatiin lolee isaan balleesse; Seedeeqiyaasillee mootii Baabilooniititti ka'e. Kanaan maayessa Nabukadanatsoor loltoota ufii maraa fuudhee Seedeeqiyaas mooyee woggaa sagaleesso'oo ji'a kudhaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti Yerusaalemitti duule; loltoonni qachatti'iin alatti quphatanii biyyee naannaya sanitti akka goobaa ol tuulanii hojjatan. Qachattiin marfamtee haga mootichi Seedeeqiyaas woggaa kudha tokkoo gawutti turte. Woggama san jiini seenee guyyaa sagaleesso'ootitti waan beelli guddateef wonti baniin nyaatullee hin dhabame. Dalloofni qachatti'iillee hin diiggame; hennaa loltoonni qachattii san marsanii eegan loltoonni mootii Yihuuda'aa halkaniin miliqanii bayan; karaa gara biqiltuu mootichaatiin seensisuu jalqabee karaa karra dallawa balbala lamaan wolitti fiduun lufanii gara dhooqa laga Yoordaanosii dheessan. Lotoonni Baabiloonii garuu mootii Seedeeqiyaasiin ari'a'aa raasaa Iyyaarikoo biratti argamutti booji'e loltoonni gatanii dheessan. loltoonni Baabiloonii Seedeeqiyaasiin qabanii gara hulee Nabukadanatsoor jiruu gara qachaa Ribila'aa fidan; achitti mootichi Nabukadanatsoor murtii itti kenne. Seedeeqiyaas uduu ijji isaa argitu ijoolleen isaa qalaman; kanaan maayessa Nabukadanatsoor Seedeeqiyaasiin ija keessaa baasee harka isaa haada sibiilaatiin hidhee gara Baabiloonii fide. Nabukadanatsoor Baabilooniin irratti mooyee woggaa kudha sagaleesso'ootitti jiini shaneesso'oo seenee guyyaa torbeesso'ootitti ka Naabuzardaan jedhamee waamamu ajajaa waardiyyoota mana mootichaa ka Nabukadanatsoorii gara Yerusaalemii dhaqe. Inni mana woyyuu Rabbiitii fi mana mootummaa mootichaa ibiddaan gube. Mana namoota gugurda'aa ka worra Yerusaalemiin keessa jiraataniitii fi manniin qachattii san keessa jiran maraa ibiddaan gube; loltoonni Kalaadaawotaa ka ajajaa waardiyyoota mana mootummaa mootii woliin jiran dallawa dhaga'aan ijaarame ka Yerusaalemii hin diigan. Kanaan maayessa Naabuzardaan namoota qachattii keessatti hafanii turanii fi namoota biraallee akkasuma worra Baabiloonitti dhiyaatan maraa qabee gara Baabiloonii fide. Ajajaan waardiyyootaa hiyyeeyyii hunna hin qabne akka isaan biqiltuu dhaabanii fi akka lafa qotan biyya Yihuuda'aa keessatti dhiisee deeme. Worri Baabiloonii meeshaa mana Rabbii keessa jiru, utubaa sibiila diima'aa, teessoo mana Rabbii keessa jiruu fi waabaa bisaanii ka sibiila diimaa irraa hojjatame caccabsanii sibiila caccabe gara Baabiloonii fidan. Isaanillee xuwwiin, gadhii ibidda ittiin fudhatan, waan ibidda ittiin qabsiisan, girgiraa hixaanaatii fi meeshaa mana woyyuu keessatti ittiin hojjatan ka sibiila diimaa irraa hojjatame maraa fudhatan. Ajajaan waardiyyootaallee girgira'aa fi teessoo namni irra taa'u meeshaa worqii irraa hojjatame maraa meeshama worqi'ii san irraa meeshaa sibiilaa ka birrii irraa hojjatame meeshama sibiilaa ka birrii irraa hojjatame irra kaayee fudhate. Namoonni sunniin meeshaa mootiin Solomoon mana woyyu'uutiif hojjachiise utubaawwan lamaan waan meeshaa irra kaayan ka akka gaari'ii gangalatuu fi gongaa guddaa bisaan itti kuufamu waan ulfaatuuf madaaluu dadhaban. Dheerinni utubaa tokkochaa meetira saddeeti; ginnoon isaa sibiila diimaa irraa hojjatameera; dheerinni ginno'oo meetira tokkoo fi wodhakka'a; naannaya isaatitti waan bareedu ka bifa abaabo'oo fakkaatuun hojjatameera. Naabuzardaan ajajaan loltootaa Sarayaanii gadicha, Sofoniyaasii gadicha ka isatti aanee hojjatuu fi waardiyyoota sadiin mana woyyuu eeganillee booji'ee fudhate. Namni baallii qabu ajajaan loltootaa ka qachattii sanii haga hennaa sanii namoota shanan ka mootichaa gorsa kennan nama baallii qabu ka loltoota lolaaf duulchisuu fi namoota biraa jahaatama fudhate. Naabuzardaan namoota kanniin maraa fuudhee gara mootii Baabiloonii qachattii bulchiinsa Haamaatii jala jirtuu gara Ribila'aa fide. Mootichi achitti isaan tumsiisee rakkisee du'aan isaan adabe; akkaataa kanaan baniin Yihuuda'aa biyya ufiitii booji'amanii fudhataman. Mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor biyya Yihuuda'aa keessatti banii hafe irratti ilma ilma Saafaanii ilma Aqaamii Godoliyaasiin mootii taasise. Worri harka hin kennanne ajajaan loltootaatii fi loltoonni mootii Baabiloonii Godoliyaasiin akka muude haga dhagayan gara Misipha'aa dhaqee isaaniin wol gaye; ajajaan loltootaa kunniinillee ilma Naataaniya'aa Ismaa'eliin ilma Qaariya'aa Yohaanaa'a ka dhalataa qachaa Naaxoofa'aa ilma Tanhume'ee Saraya'aa fi ka dhalataa Maa'ikata'aa ta'e Zaaniyaa fa'a ture. Godoliyaas isaanii fi loltoota isaaniitiin «Sababaa worri Baabiloonii ka baallii qaban isin sodaachisaniif akka mudaan tokkollee isin irra hin geenne waadaa isinii seena; biyya kana keessatti jireenna keessan ijaaradhaa'a; yoo waan kana gootan wonti maruu isinii qajeela» jedhe. Garuu woggama san keessa ji'a torbeesso'ootitti Ismaa'eliin ilmi Naataaniya'aa ka ilma Eelsaama'aa ka fiixaa mootichaa ture namoota kudhanii woliin gara Misipha'aa deeme; achitti balaa buusee Godoliyaasiin ajjeese; akkasuma worra Israa'eliitii fi worra Baabiloonii ka isa woliin jiran maraa ajjeese. Worri Kalaadaawotaa diqqaa irraa haga gudda'aa baniin maruu waan sodaataniif ajajoonni loltootaa maruu ka'anii gara Misirii deeman. Mootichi Yihuuda'aa Yoo'aak booji'amee woggaa soddomii torbeesso'oo ji'a kudha lammeesso'oo guyyaa diddamii torbeesso'ootitti mootiin Baabiloonii Yoormaaroodeeqi mooyee woggaa jalqabaatitti mootii Yihuuda'aa Yoo'aakiin mana hidha'aatii baasee araara godheef. Yoormaaroodeeqi Yoo'aakiif waan mishaa godhe; mootota booji'amanii biyya Baabiloonii keessa jiraatan keessaa ulfinna maraa caalu kenneef. Kanaafuu Yoo'aak uffata mana hidha'aa keessatti uffatu jijjiiree haga lubbu'uun jiru akka mana mootichaatii nyaatu eeyyamameef. Mootichi bara lubbu'uun jiru maraa guyya guyya'aan waan isa barbaaachisu kenna'aafii turan. Aadam Seetii uumate; Seeti Heenoosiin uumate; Heenoos Qaayinaaniin uumate; Qaayinaan Malaali'eeliin uumate; Malaali'eel Yaareediin uumate; Yaareedi Heenookiin uumate; Heenooki Maatusaalaa uumate; Maatusaalaan Laamehiin uumate; Laamehi Noohiin uumate; Ijoolleen dhiiraa ta Noohii Seem, Kaamii fi Yaafeeti; Ijoolleen dhiiraa ta Yaafeetii Gaameer, Maagoog, Maadee, Yaawaan, Toobeel, Moosaah fi Taraasi; Ijoolleen dhiiraa ta Gaameerii Askanaas, Rifaatii fi Tergaamaa fa'a. Ijoolleen dhiiraa ta Yaawaanii Eliisaa, Tarsees, Kitimii fi Roodi'iin fa'a. Ijoolleen dhiiraa ta Kaamii Kuush, Mitsiraayim, Fuuxii fi Kana'aaniin fa'a. Ijoolleen dhiiraa ta Kuushii Saabaa, Hawilaa, Sebitaa, Raa'ima'aa fi Sabtakkaa fa'a; ijoolleen dhiiraa ta Raa'ima'aa Saaba'aa fi Didaani. Kuush Naamruudiin uumate; Naamruudi adunyaa keessatti loltuu jabaa jalqabaa ta'e. Mitsiraayimi abboota gosa Luudiimii, abboota gosa Anaamiimii, abboota gosa Lehaabii, abboota gosa Nafituheemii, Abbaan Filisxeemotaa Faatiruusimii fi Kaasiluuhim banii gosa Kaaftoorimii fa'a uumate. Kana'aan abbaa gosa Siidoonii, abbaa gosa Keexi'ii, abbaa gosa Iyyaabusootaa, abbaa gosa Amoorotaa, abbaa gosa Gergeseenootaa, abbaa gosa Eewwotaa, abbaa gosa Arkaawotaa, abbaa gosa Seeniyaawotaa, abbaa gosa Araadeewotaa, abbaa gosa Samaareewotaa, abbaa gosa Amaatii fa'a uumate. Kunniin maruu fiixaa gosa Kaamiiti. Ijoolleen dhiiraa ta Seemii Eelaam, Aasoor, Arfaakisd, Luudi, Aaraam; Ijoolleen dhiiraa ta Aaraamii Uutsi, Huuli, Geetirii fi Moosaaliin fa'a. Arfaakisd Saalaa uumate, Saalaan Ebooriin uumate. Eboor ijoollee dhiiraa lama uumate; bara san waan lafti qoqqoodamteef maqaa mucaan tokko Faaleeq jedhamee waamame; obboleessi isaa garuu Yooqixaan jedhame. Yooqixaani Almoodaadiin, Saaleefiin, Hasraamootiin, Yaaraahim, Hadooraahim, Awuzaalim, Daqlaan, Obbooliin, Abimaa'el, Saabaan, Ofriin, Ewulaaxiin, Yoobaabiin uumate; Kunniin maruu ijoollee dhiiraa ta Yooqixaanii turan. Fiixaan Seemiin irraa haga Abraamii maayessa Abrahaam jedhamee Seem, Arfaakisdi, Saalaa, Eboor, Faaleeq, Raagi'uu, Seeroohi, Naakoori, Taaraa, akkasuma fiixaa Abraamii maayessa Abrahaam jedhamee fa'a. Abrahaam ijoollee dhiiraa Yisaaqii fi Ismaa'eliin uumate; Fiixaan Ismaa'elii kanniin; mucaan hangafaa ka Ismaa'elii Nabaayooti, Qeedaari, Nabidaa'el, Mabiisaami, Maasimaa, Duumaa, Maasaa'a, Kudaan, Teemaan, Ixuur, Naafeesii fi Qeedimaa fa'a; kunniin maruu ijoollee dhiiraa ta Ismaa'eliiti. Ijoolleen Abrahaam ta mata gala ufii Keexuraa irraa argate Zamiraan, Yooqisaan, Meedaan, Miidiyaam, Yesibooqi, Siweehi; ijoolleen Yooqisaanii Saaba'aa fi Didaan. Ijoolleen dhiiraa ta Miidiyaamii Geefeer, Eefeer, Heenoohi, Abidaa'ii fi Eelda'a; kunniin maruu ijoollee Keexura'aa turan. Abrahaam Yisaaqiin uumate; ijoolleen Yisaaqii Eesawu'uu fi Israa'eliin fa'a. Ijoolleen dhiiraa ta Eesawu'uu Eelfaaz, Raagu'eel, Ye'uutsi, Yee'ilaamii fi Qoree fa'a. Ijoolleen dhiiraa ta Eelfaazii Teemaan, Omaar, Sifoo, Gootomi, Qeeneez, Timinaa'ii fi Amaaleeqi fa'a; Ijoolleen Raagu'eelii Naahooti, Zaaraa, Saama'aa fi Mizahaa fa'a. Ijoolleen dhiiraa ta Seeyirii Looxaan, Soobaal, Tsibi'oon, Aanaa, Diisoo, Eesirii fi Diisaan fa'a. Ijoolleen dhiiraa ta Looxaanii Hoor, Heemaam, Timunaa'ii fi Obboleettii Looxaanii fa'a turte. Ijoolleen dhiiraa ta Soobaalii Aalwaal, Manihaad, Eebaal, Siifoo fi Awunaamiin fa'a. Ijoolleen dhiiraa ta Tsibi'oonii Ayyaa fi Aanaa fa'a. Ilmi Aana'aa Diisoon. ijoolleen dhiiraa ta Diisoonii Heemdaan, Esbaan, Yitinaanii fi Kiraaniin fa'a. Ijoolleen dhiiraa ta Aatsirii Bilihaan, Za'iwaanii fi Aqaaniin fa'a. ijoolleen Diisoonii Uutsii fi Aaraan fa'a. Ijoollee Israa'elii irratti uduu mootiin tokkollee hin moosifamne mootonni biyya Edoomiyaasiititti mooyan kanniin fa'a; qachaan ilmi Bi'oorii Baalaaq bulche Dinhaabaa jedhamti turte. Baalaaq du'ee bikka isaa namni biyya Baasora'aa ilmi Zaara'aa Iyyoobaab mooye. Iyyoobaabillee du'ee bikka isaa Husaamiin namni biyya Teemaanii mooye. Husaamillee du'ee bikka isaa Haadaad ilmi Baadaadii ka raasaa Moo'aabotaatitti Miidiyaamota dhayetu mooye; maqaan qachattii sanii Haawiti jedhamti. Haadaadillee du'ee bikka isaa namicha biyya Masireqe'aa Saamila'atu mooye. Saamilaanillee du'ee bikka isaa Saa'ul namni biyya Rohoobootii laga Efraaxisii biratti argamtuutitu mooye. Saa'ulillee du'ee bikka isaa Alihaanaaniin ilmi Akiboorii mooye. Alihaanaanillee du'ee bikka isaa Haadaad mooye; maqaan qachattii sanii Faa'uu turte; haati manaa isaa ta Maahexabi'eel jedhamtu intala ilma ilma isaa ta Maanaareedii turte. Haadaadillee hin du'e; bulchoonni Edoomiyaasii Timinaa'i, Aliwaa, Yeetee, Ahiilibaamaa, Eelaa, Finoon, Qeeneez, Teemaam, Mibisaar, Magidi'eelii fi Iraamiin fa'a; kunniin bulchoota worra Eedoomii turan. Ijoolleen Israa'elii ta dhiiraa Roobeel, Simoon, Leewwii, Yihuudaa, Yisaakoor, Zaabiloon, Daan, Yooseef, Biiniyaam, Niftaaleem, Gaadii fi Aseeriin fa'a. Yihuudaan dubartii gosa Kana'aanii Seewaa irraa Eer, Awunaanii fi Seeloomiin uumate; Eer ilmi hangafaa ka Yihuuda'aa Rabbiin afo'otti waan nama hamaa tureef Rabbi hin qoomeen. Yihuudaan haadha manaa ilma ufii Timaariin irraa ijoollee dhiiraa lamaan ta Faareesii fi Zaaraa jedhamanii waamaman uumate; inni wolitti qabaa ijoollee shan qaba. Faarees ijoollee dhiiraa lamaan ta Eesroomii fi Hamuul jedhaman uumate; obboleessi isaa Zaaraan ijoollee dhiiraa shan uumate; maqaan isaanii Zamirii, Eetaan, Heemaan, Kalkoolii fi Daaraa fa'a. Namni gosa Zaara'aa ta'e tokko ilmi Karmi'ii Akaan boojuu Rabbiif fooyame waan hatee dhosseef banii Rabbiititti balaa fide. Eetaan ilma tokko ka Azaariyaa jedhamu uumate. Eesroom ijoollee dhiiraa sadihi uumate; maqaan isaanii Hiraami'eel, Aaraamii fi Kaaleebiin fa'a. Aaraam Aminaadaabiin uumate; Aminaadaabi Na'aasoonii ajajaa ijoollee Yihuuda'aa uumate; Na'aasoonillee Salmooniin uumate, Salmoon Boo'eeziin uumate. Boo'eez Iyyoobeediin uumate; Iyyoobeedi Isseyiin uumate. Isseyi mucaa hangafaa Eeliyaabii fi ka lammeesso'oo Aminaadaabii fi sadeessoo Samaa, Arfeessoo Naatinaa'eeliin, shaneessoo Raddaayeen, jaheessoo Asaamiin, torbeessoo Daawitiin uumate. Obboleewwan durbaa Tsuuriya'aa fi Abigiyaa fa'a; ijoolleen Tsuuriya'aa ta dhiiraa sadiin Abiisaa, Iyyoo'aabii fi Asaaheeliin fa'a. Abigiyaan Amesaayiin deette; abbaan Ameesaayiillee Ismaa'eelicha Yuuteeri. Ilmi Eesroomii Kaaleeb intala Azuubaa jedhamtu fuudhee mucattii durbaa ta Kayiri'oot jedhamtu uumate; Kayiri'ootillee ijoollee dhiiraa ta Yaasaar, Soobaabii fi Aardooniin fa'a deette. Azuubaan haga duuteen maayessa Kaaleeb Efraataa fuudhe; isiinillee Hooriin deetteef. Hoori Uuriin uumate; Uuri Baasili'eeliin uumate. Achiin maayessa Eesroom hennaa woggaa jahaatamaa guute intala Maakirii obboleettii Gala'aadii fuudhee ilma dhiiraa ka Saguubi jedhamu deetteef. Saguubi Iyyaa'iriin uumate; inni biyya Gala'aadii keessatti qachoota diddamii sadihi qaba. Geeshuurii fi Aaraam qachoota Iyyaa'irii Qeenaatii fi ganda isi'ii woliin qachoota jahaatamaa isaan jalaa fudhatan; kunniin maruu abbaa Gala'aadii ijoollee Maakirii turan. Eesroom Kaaleebii Efraata'aatitti haga du'een maayessa haati manaa isaa Abiyaan abbaa Teequhe'ee Ashihuuriin deetteef. Ilmi hangafaa ka Eesroomii Yiraahimi'eel ijoollee dhiiraa shan uumate; isaanillee ka hangafaa Raam, isatti aanee Bunaahi, Oreen, Atseemii fi Akiyaa fa'a. Yiraahimi'eelillee haadha manaa ta Ataaraa jedhamtu ta biraa qaba; isiin haadha Onaamii turte. Ijoolleen Yiraahimi'eelii ta Raam deette Ma'aas, Yaaminiitii fi Eqeeriin fa'a. Ijoolleen Onaamii Shamaayina'aa fi Yaada'a; Shaamaayi ijoollee Naadaabii fi Abisuur jedhaman uumate. Abisuur dubartii Abikaa'il jedhamtu takka fuudhee isii ijoollee dhiiraa Hibaanii fi Moolidi jedhaman deetteef; Naadaabi ijoollee dhiiraa ta Seeleedii fi Afaayi jedhaman uumate; Seeleedi garuu uduu hin uumanne du'e. Afaayi ilma dhiiraa ka Yishi'i jedhamu uumate; Yishi'i ilma dhiiraa ka Soosaa jedhamu uumate; Soosaan ilma dhiiraa ka Ahilaayi jedhamu uumate. Obboleessi Shaamaayii Yaadaan ijoollee dhiiraa lamaan ta Yeeteerii fi Yoonaataa jedhaman uumate; Yeeteer uduu ijoollee hin uumanne du'e. Yoonaataan ijoollee dhiiraa ta Feleetii fi Zaazaa jedhaman uumate; kunniin maruu fiixaa Yiraahimi'eeliiti. Soosaan ijoollee durbaa malee ta dhiiraa hin qabu; inni hojjataa nama biyya Misirii ka Iyyuuheel jedhamu qaba. Soosaan hojjataa ufii Iyyuuheel intala ufii itti heerumsiise; isiin Ataayiin deetteef. Ataayi Naataaniin uumate; Naataani Zaabiidiin uumate; Zaabiidillee Eflaaliin uumate; Eflaali Obeediin uumate; Obeedi Iyyuu uumate; Iyyuun Azaariyaasiin uumate; Azaariyaasi Keleesiin uumate; Keleesi Elaasaa uumate; Elaasaan Sismaayiin uumate; Sismaayi Shaloomiin uumate; Shaloomi Yeqaamiyaamiin uumate; Yeqaamiyaami Elisaamaaniin uumate. Maqaan ilma hangafaa ka Yiraahimi'eelii obboleessa Kaaleebii Meeshaali jedhama; Kun ilma dhiiraa ka Ziif jedhamee waamamu uumate; Ziif Mareeshaa uumate; Mareeshaan Keebrooniin uumate; Ijoolleen Keebroonii Qoree, Tafuwwaa, Reegeemii fi Shaamaa'i fa'a; Shaamaa'i Rahaamiin uumate; Rahaami Rooqeemiin uumate; Shaamaah Maa'ooniin uumate; Maa'ooni Beetitsuuliin uumate. Kaaleeb dubartii Eefaa jedhamtu ta mata gala itti galu qaba; isii irraa Haaraan, Moodaanii fi Gaazeeziin uumate; Haaraan ilma dhiiraa ka biraa ka Gaazeez jedhamu uumate. Ijoolleen dhiiraa ta Yihidaayii Reegeem, Iyyootaam, Geeshaam, Faaleex, Eefa'aa fi Sha'aafiin fa'a. Kaaleeb intala mata gala itti galu ta Maa'ikaa jedhamtu qaba; isii irraa ilmaan dhiiraa Sheberiinii fi Tirihaanaa uumate; Dubartiin tun diqqoo turtee ijoollee dhiiraa ka biraa abbaa Maadimaanii Sha'aafii fi abbaa Gibi'a'aa Maakinaaniin, Suusaaniin deette. Kaaleeb dubartii biraa ta Akisaa jedhamtu qaba. Fiixaan Kaaleebii akka armaan gadiiti; Hoor ilma hangafaa Kaaleebii ka inni haadha manaa ufii Efraataa irraa uumate; ilmi Hoorii Qiriyaataam; abbaan isaa Soobaal. Ilmi Hoorii ka lammeesso'oo garuu Shaalmaan abbaa Beeteliheemiiti; ilmi Hoorii ka sadeesso'oo Haareef abbaa Gaadeeriiti. Abbaan Qiriyaataarii Soobaal ijoollee biraallee hin qaba; isaan sunniin Haro'een wadhakkaa gosa Manaahitaawiyaatotaati. Akkasuma gofti Qiriyaatiri'aarimii, Yitiraawota, Futaalwota, Shumaatota, Mishiraatota jedhamanii waamama'aa turan; isaan keessaa fiixaa Tsiriyaatotaa fi Eshtaawotaatitu argame. Ijoolleen Shaalmaanii Beeteliheem, Naxoofaawota, Axaarooti, Beetiyu'aab wodhakkaan Manaawotaa fi Tsoraawiyaanota turan. Gofti barreessitootaa ka Yaabeetsiin keessa taa'anii Tiraawota, Shimi'aataawotaa fi Sukaataawota fa'a; isaanillee abbaa Karikaabotaa worra Haamaatiin keessaa bayan Qeenaawota fa'a turan. Kunniin maruu hennaa inni Keebroonitti woggaa torbaa fi ji'a jahaa bulche dhalataniif. Daawiti Yerusaalemiin keessa taa'ee woggaa soddomii sadihii bulche. Achitti ilmaan heddu argate; intalti Beersaabeehi mucattiin Aami'eelii Saamuus, Soobaab, Naataanii fi Solomooniin deette. Ijoollee biraallee sagal qaba; isaanillee Iyyaabehaar, Eeliisu'ee, Eelifaalaati, Noogaa, Naafeeq, Yaafiyaa, Eelsaamaa, Eldaaye'ee fi Elifalaatiin fa'a. Kanniiniin alallee ijoolleen Daawiti dubartoota mata gala itti galu irraa uumate ijoollee dhiiraa ta biraallee hin qaba; mucattii intalaa ta Timaar jedhamtee waamamtullee hin qaba. Fiixaan dhaloota Solomoonii akka armaan gadiiti; Solomoon, Roobi'aam, Abiyaa, Aasaa, Iyyoosaafixi, Iyyooraam, Akaaziyaas, Iyyoo'aas, Ameesiyaas, Azaariyaas, Iyyoo'aataam, Aka'aaz Hisqiyaas, Minaasee, Amootsii fi ilma isaa Iyyoosiyaas. Ijoolleen dhiiraa ta Iyyoosiyaasii ka hangafaa Yohaanaan, ka lammeesso'oo Iyyoo'aaqeem, ka sadeesso'oo Sedeqiyaasii fi ka arfeesso'oo Shaloomiin fa'a. Iyyoo'aaqeem garuu ijoollee dhiiraa lamaan Ikooniyaanii fi Sedeqiyaasiin uumate. Ijoolleen nama Baabilooniin booji'amee ta Ikooniyaanii Salatiyaal, Malkiraam, Faddayaa, Shenaatsaar, Yiqaamiyaa, Hooshaama'aa fi Naadaab fa'a. Ijoolleen dhiiraa ta Faddaya'aa Zarubaabeelii fi Saame'i fa'a; Zarubaabeelillee ijoollee dhiiraa lamaan Meesulaamii fi Hanaaniyaa jedhamanii waamamanii fi mucattii Shaloomiiti jedhamtu qaba. Akkasuma ijoollee dhiiraa shan ta biraa Hashubaa, Aheel, Barakiyaa, Asaadiya'aa fi Yooshabihiseed jedhaman qaba. Hanaaniyaan ijoollee dhiiraa Falaaxiyaala'aa fi Yeshaayaa uumate; Yeshaayaan Raafaayaaniin uumate; Raafaayaan Arnaaniin uumate; Arnaani Abdiyyuu uumate; Abdiyyu Sekeniyaa uumate. Sekeniyaan Shamaayaa uumate; Shamayaan Haxuusiin, Yigi'aaliin, Bariyaahiin, Na'aariyaa fi Shafaaxiin uumate; Na'aariyaan ijoollee dhiiraa sadiin Elyoo'enaayi, Hisqiyaasii fi Izraaqaamiin fa'a uumate; Elyoo'enaayi ijoollee dhiiraa torba Hodaayiwaa, Elyaaseeb, Feeliyaa, Aquub, Yohaanaan, Dalayaa fi Hanaaniin fa'a uumate. Fiixaan Yihuuda'aa Faarees, Asroom, Karmii, Hoorii fi Soobaaliin fa'a. Soobaal Raayaa uumate; Raayaan I'eetiin uumate; I'eeti Ayoomaanii fi Lahaadiiniin uumate; kunniin worra gosa Tsooriya'aati. Ilmaan Exaamii Iyiziraa'el, Yeshimaa fi Yidibaashi; obboleettiin isaanii Hatsileelfoon. Abbaan Gedoorii Faanu'eel; abbaan Hashimii Atseer; kunniin maruu ijoollee Efraataa abbaa Beetaliheemii ta ilama hangaftichaa ta Hooriiti. Ashaahuriin qachaa Tequhe'ee ijaare haadha manaa lamaa ta Helaalaa fi Naa'iraa jedhamtu qaba. Ashaahuri haadha manaa ufii ta Naa'iraa jedhamtu irraa Ahuzaamiin, Oofeeriin, Teemnii fi Ashtaariin fa'a uumate; kunniin ijoollee Naa'ira'aati. Akkasuma haadha manaa ufii ta Heelaa jedhamtu ijoollee dhiiraa Deereet, Hitsihaarii fi Eetinaariin deetteef. Qootsi ijoollee dhiiraa Anoobii fi Tsoobeebiin uumate; akkasuma Qootsi ilma Haaroomii fiixaa gosa Arhaarheelii ta'aniifillee abba'a. Yaabeetsi obboleewwan ufii keessaa nama kabajjamaa waan ta'eef haati isaa ani ciniinsuu gudda'aan isa dayeera jettee maqa isaa «Yaabeetsi» jettee itti baafte. Yaabeetsillee «Yabo'oo eebba keetiin na eebbisi; daangaa biyya kiyyaallee badhisi; harki keellee na woliin haa ta'u; akka hin gaddine waan hamaa irraa na eegi» jedhee Rabbii Waaqa Israa'elii kadhate; Rabbillee waan inni kadhate hin kenneef. Kiluubi obboleessi Shuha'aa Mihiiriin uumate; Mihiirillee Eshetooniin uumate; Eshetoonillee Beetiraafaa, Husa'eenii fi Tahinaa uumate; kunniin namoota Reegiiti. Qeneezillee Gotoniyaalii fi Sarayaa uumate; Gotoniyaali ijoollee dhiiraa lamaan ka Hotata'aa fi Ma'oonaa jedhamanii waamaman uumate; Ma'oonotaayi Oofraa uumate; Sarayaanillee Iyyoo'aabii abbaa Geesheerii uumate; isaan worra ogummaa harkaa qabu tura. Kaaleebi ilmi Yoofoonii ijoollee dhiiraa sadiin Iruu, Eelaa fi Na'aamiin uumate. Eelaanillee Qeeneeziin uumate; Yihaaleelillee ijoollee dhiiraa Ziif, Ziifaa, Tiri'aa fi Asaali'eeliin uumate Hoodiyaan obboleettii Nahaamii fuudhe; isaan abboota gosa Garmi'ii ta qachaa Qa'ila'aa keessa jiraatanii fi gosa Maa'ika'aa ta qachaa Eshtaamo'aa keessa jiraata'aa turaniif ta'an. Shimoon ijoollee dhiiraa ta Aminoon, Riinaa, Beenihaanaanii fi Tiloon jedhamanii waamaman uumate; Yuushi'iinillee ijoollee dhiiraa ta Zoheetii fi Beenzooheet jedhaman uumate. Sheelaan ijoollee Yihuuda'aa keessaa tokko. Fiixaan isaa worra qachaa Leeka'aa ijaaran Eer, Laa'idaa qachaa Maareesha'aa ijaare, worra gosa qachaa Ashibe'a'aa keessa jiraatan ka uffata jirbii irraa fooyame hojjatan. Iyyoo'aasii fi Saaraaf dubartoota gosa Mo'aabotaa ka qachaa Yooqimii fi Koozeebaa keessaa fuudhan Beeteliheemiin keessa jiraata'aa turan; (galmeen maati'ii kun ka duriiti.) Isaan hojjattoota worra mana mootumma'aa ijaaran ta'anii qachaa Naxaamii fi Gadeeraa jedhamanii waamaman keessa jiraata'aa turan. Simoon ijoollee dhiiraa ta Naamu'eel, Yaamiin, Yaariib, Zarahinaa fi Shaa'ul jedhamanii waamaman uumate; Shaa'ul Shaaluumiin uumate; Shaaluumillee Mibisaamiin uumate; Mishaama'illee Hamu'eeliin uumate; Hamu'eelillee Zakkuuriin; Zakkuurillee Shimi'aaniin uumate; Shimi'i ijoollee dhiiraa kudha jahaa fi ijoollee intalaa jaha uumate; obboleewwan isaa garuu ijoollee baay'ee hin uumanne; kanaafuu gofti Simoonii haga gosa Yihuuda'aa hin baay'anne. Fiixaan Simoonii haga bara mootummaa Daawitii qachoota Beersaabeeh, Molaadaa, Hatsarshu'aat, Bilihaatseemii fi Tolaadiin, Baatu'eel, Hoormaa, Tiqilaagi, Beetimaarkaaboot, Hoxaarsusiim, Beetibriinaa, Shaa'iraayim, Akkasuma Eexaam, Ayin, Rimoon, Tookeenii fi Ashoon jedhamanii waamaman qachoota shanan didiqqa'aa fi gandoota naannoo isaaniititti argaman keessa jiraata'aa turan; huleen isaan keessa jiraatan kun haga qachaa Baa'ilaatiiti; galmeen barreeffama fiixaa Simoonii ka maatii isaatii fi naannoon isaan keessa jiraatan qabate kana ture. Bulchoonni gosa maraatuu worra asii gaditti ibsaman; Mashoobaab, Yamleek, Yooshaa ilma Ameesiyaasii, Yoo'el, Iyyuu ilma Yoshibiya'aa, Yoshibiyaa ilma Sarayaa, Sarayaa ilma Asi'eelii; Eeliyoo'enaayi, Yaaqoobaa, Yashoohayaa, Asaayaa, Adi'eel, Yashimi'eel, Banayaa'a, Ziizaa ilma Shifi'aa, Shimiriinii ilma Yadaya'aa fi Shimi'ii ilma Aaloonii fiixaa Shamaa'iya'aa kanniin fa'a. Worri maqaan isaanii waamamu kunniin gosa ufii irratti bulchaa turan. Hulee horii ufii itti yaafatan barbaadu'uuf karaa seensa Gedooriitiin haga dhooqa baya biiftu'uu deeman. Achitti biyya laliftuu marga gayaa qabduu fi ta nagaya qabdu baay'ee argatan; baniin armaan dura achi jiraata'aa turan gosa Kaamiiti. Bara Hisqiyaas Yihuudaa bulcha'aa ture namoonni armaan olitti maqaan isaanii tuqame gara biyya Garaarii deemanii goom'e'ee fi daasee namoota achi jiraatanii maraa diigan; isaan gosa Kaamiitii fi worra Maa'unaawotaa sirima balleessan; horii ufiitiif lafa margaa baay'ee waan arganiif banii ari'anii hennaa dheera'aaf achi jiraatan. Fiixaa Simoonii keessaa namoonni dhibba shan ta'an gara gaara Eedoomii deeman; isaan namoonni jalatti bula'aa yookaan isaan bulcha'aa turan, ijoollee Yishi'ii Falaaxiyaa, Na'aariyaa, Rafaayii fi Uzaa'eeliin fa'a turan. Isaan worra achitti hafanii turan worra Amaaleqii fixan; henna san irraa jalqabee achi jiraachuu jalqaban. Fiixaan ijoollee Roobeelii ilma hangafaa ka Yaaqoobii kanniin; (Roobeel waan siree abbaa ufii batteesseef mirga hangafumma'aa dhabe; mirgi sun ijoollee Yooseefiitii kennamee ture; garuu namni banii bulchuu fi ka maraa caalaa jabaa ta'ee ka argamu gosa Yihuuda'aa keessa.) Roobeel ka ijoollee Yaaqoobii keessaa hangafa ta'e ijoollee dhiiraa afur uumate; sunniinillee Heenoohi, Falusoo, Asroonii fi Karmii fa'a. Akkaataa galmeen baay'inna worra mooti'ii irratti argame ibsutti gofti Roobeelii bulchaa gosaa turan Iyyoo'eel, Zakkaariyaas; Gosa Iyyoo'eeliitii Beelaa ilma ilma Shama'aa ta'e ilma Azaazii fa'a; huleen gofti kun keessa jiraata'aa ture, Aroo'eeri, achiin gara kaabaatiin haga Naabooniitii fi haga bulchiinsa Ba'aalba'oonii jiraata'aa turan. Isaan biyya Gala'aadii keessatti bayima gobbuu loonii waan qabaniif karaa baya biiftu'uutiin haga laga Efraaxisii lafa gammoojji'ii ka duwwaa jiru maraa qabatan. Bara mootichi Saa'ool bulcha'aa ture gofti Roobeelii gosa worra Hagarii irratti balaa buusee isaan maraa woraanaan fixe; lafa isaanii Gala'aadii gara baya biiftu'uutiin jirtu qabatee ta ufii taasifate. Gofti Gaadii hulee gofti Roobeelii jiraatuun lafa harkaan gara kaabaa irra jiru jiraata'aa turan; lafti sunillee Baasaaniin keessa yoo ta'u gara baya biiftu'uutiin haga Salaaka'aa gaya. Iyyoo'eel gosa maraa caaluuf abbaa yoo ta'u Saafaan garuu gosa sadarkaa lammeesso'oo irratti argamtuu abba'a; Yaanaahii fi Saafaaxi gosoota biraa ka Baasaaniin keessa jiraataniif abbaa turan. Miseensi gosa hafee Mikaa'eel, Meesulaam, Saabaa, Yuraayi, Yaakaan, Zuhee fi Oobeedi jedhamanii waamaman gosa torbaa keessatti wolitti qabamanii laakkayaman. Isaan kunniin fiixaa Ibihaayilii ilma Huurii yoo ta'an abboonni isaanii ta duraa Abihaayi, Huuri, Yaruhaa, Gala'aad, Mikaa'eel, Yeshishaayi, Yaahido'oo fi Buuziin fa'a. Aahi ilmi ilma Guunii Abdi'eel bulchaa gosa kanniin maraatuu ture; kunniin maruu bulchiinsa Baasaaniitii fi Gala'aadii qachoota didiqqaa achitti argaman akkasuma hulee margi itti argamu biyya Baasoorii keessa jiraata'aa turan. Galmeen maqaa maati'ii qabate kun ka qophaaye bara mootummaa Yihuuda'aa bara Iyyoo'aataamiitii fi bara mootummaa Israa'elii bara Iyyoorbi'aam fa'a bulcha'aa turan. Wodhakkaan gosa Minaase'eetii fi gosa Roobeelii ka gara baya biiftu'uutitti argaman wonte'ee fi woraana akkasuma worra lola ebo'ootiin sirri'itti leenji'an loltoota kuma afurtamii afurii fi dhibba torbaa fi jahaatama turan. Isaan kunniin worra Aggaarotaa, Iyyaaxuur, Kanaafeesii fi Naadaabiin woliin wol lolan. Rabbiin waan amananiif akka inni isaan gargaaru isa kadhatan; Rabbillee kadhaa isaanii dhagayee worra Aggaarotaatii fi goshoota lola irratti isaan gargaaran irratti mootee isaanii kenne. Isaan diintota ufii jalaa gaallan kuma shantamaa, hoolota kuma dhibba lamaaf shantamaatii fi harriin kuma lamaa booji'an; akkasuma namoota kuma dhibba tokkoo booji'anii fudhatan. Lolli sun ka Rabbi fedhu waan ta'eef gosa diintota ufii keessaa namoota baay'ee ajjeesan; isaanuu haga hennaa booji'amanii fudhatamaniititti lafa irra jiraachuu jalqaban. Ijoolleen gosa Minaase'ee wodhakkaan biyya keessa taa'anii Baasaanii jalqabee haga Ba'aal- Heermoonii, Saaneerii fi haga gaara Heermoonii horanii badhatan; bulchoonni mana abboota isaanii Eefeer, Yishi'i, Eli'eel, Aziri'eel, Ermiyaas, Hodaawaayii fi Iyyoodi'eeliin fa'a turan; isaan kunniin worra jajjabaa beekkamtoota bulchoota abboota ufii turan. Isaan waaqa abboota ufii yakkan; waaqolee ormaa ka Rabbi isaan afo'oo balleesseen seebaran. Kanaafuu Waandhi Israa'elii mootii Asoorii Telgeltelfelsooriin isaanitti kaasee biyya isaanii akka qabatu godhe; akka kanaan Telgeltelfelsoor gosa Minaase'ee wodhakkaa booji'ee fuudhee Bahaalaahii, Buhaaboorii fi Bahaaraa akkasuma ladda laga Goozaanii akka jiraatan godhe, haga adhaa achi jiraata'aaran. Ijoolleen Leewwi'ii Geedsoon, Qaatii fi Meeraariin fa'a. Ijoolleen Qaatii Amraam, Yisi'aar, Keebroonii fi Uzi'eeliin fa'a. Ijoolleen Amraamii Aaroon, Muuse'ee fi Maariyaam; Ijoolleen Aaroonii Naadaabi, Abiyuudi, Alaazarii fi Itaamiriin fa'a. Alaazar Finihaasiin uumate; Finihaas Abiisuu uumate; Abiisu Buuqiin uumate. Buuqi Ooziin uumate; Oozi Zaraa'iyaa uumate; Zaraa'iyaan Marayootiin uumate. Marayooti Amaariyaa uumate; Amaariyaan Akixoobiin uumate; Akixoobi Saadooqiin uumate; Saadooqi Akimaasiin uumate; Akimaas Azaariyaasiin uumate; Azaariyaas Yohaanaa uumate. Yohaanaan Azaariyaasiin uumate; Inni gadicha mana woyyuu Solomoon mootichi Yerusaalemiin keessatti ijaaretti gadicha ta'ee hojjata ture. Azaariyaas Amaariyaa uumate; Amaariyaan Akixoobiin uumate; Akixoobi Saadooqiin uumate; Saadooqi Shaaluumiin uumate; Shaaluum Kelqiyaasiin uumate; Kelqiyaas Azaariyaasiin uumate; Azaariyaas Sarayaa uumate; Sarayaan Iyyoseedeeqiin uumate; Rabbi hennaa biyya Yihuuda'aatii fi Yerusaalemiin mootii Naabukadanatsooriin mooyachiise, Iyyooseedeeqillee booji'amee isaan woliin deeme. Ijoolleen Leewwi'ii Geedsoon, Qaatii fi Meeraariin fa'a; Ijoolleen Geedsoonii Luubeenii fi Saame'i; Ijoolleen Qaatii Amraam, Yisaar, Keebroonii fi Uuzi'eeliin fa'a. Ijoolleen Meeraarii Mohoolii fi Muusi'i; fiixaan maatii leewwotaa akkaataa gosa abboota isaaniitiin kanniin fa'a. Geedsoon Luubeeniin uumate; Luubeen I'eetiin uumate; I'eeti Zaamaatiin uumate; Zaamaati Yoo'aakiin uumate; Yoo'aaki Adoo uumate; Ado Zaaraa uumate; Zaaraan Yaatiraayiin uumate; Qaati Aminaadaabiin uumate; Aminaadaab Qoree uumate; Qoreen Aseeriin uumate; Aseer Hilqaanaa uumate; Hilqaanaan Abisaafiin uumate; Abisaafi Aseeriin uumate. Aseer Ii'itiin uumate; Ii'iti Uraa'eliin uumate; Uraa'eli Ooziyaa uumate; Ooziyaan Saawuliin uumate; Ijoolleen Hilqaana'aa Amaasii fi Akimooti; Akimooti Hilqaanaa uumate; Hilqaanaan Suufiin uumate; Suufi Naatiin uumate; Naati Eeliyaabiin uumate; Eeliyaab Yiruhaamiin uumate; Yiruhaam Hilqaanaa uumate; Saamu'eel ilma hangafaa Iyyu'eelii fi maandhicha Abiyaa uumate; Meeraari Mohooliin uumate; Mohooli Loobeeniin uumate; Loobeeni Saamii uumate; Saami Oozaa uumate; Oozaan Saamaa uumate; Saamaan Hagiyaa uumate; Hagiyaan Asaayaa uumate. Haga saanduundhi waadaa Rabbii gara Yerusaalemii dhufeen maayessa Daawiti mootichi faarfattoota mana woyyuu keessatti hojjataniif bulchoota muude. Haga Solomoon mootichi mana woyyuu Rabbii Yerusaalemiin keessatti hojjatutti isaan balbala daasee wol gayi'ii afo'otti kore kore'een faarfata'aa turan. Fiixaan namoota hulee kanatti ramadamanii hojjatanii kanniin. Ijoollee Qaatii keessaa faarfataa Eemaan ture; Fiixaan hortee Eemaanii akkaataa kanaan hortee Yaaqoobii bira gaya; isaan Eemaan, Iyyu'eel, Saamu'eel, Hilqaanaa, Yirohaam, Eli'eel, Towaa, Suuf, Hilqaanaa, Mahaati, Amaasi, Hilqaanaa, Iyyu'eel, Azaariyaas, Sofoniyaas, Tahaati, Aseer, Abiyaasaaf, Qoree, Tahaati, Aseer, Abiyaasaaf, Qoree, Yisaar, Qaati, Leewwii, Israa'el. Namni faarfattoota garee cinaa mirgaatiin faarfatan masakku Asaafi; fiixaan maatii isaa akka armaan gad jiru kanaan hortee Leewwi'ii bira gaya; isaan Asaafi, Barakiyaa, Saamaa, Mikaa'el, Ba'aaseyaa, Malkiyaa, Eetinii, Zaaraa, Aadayaa, Eetaan, Zaamaati, Saamee, I'eeti, Geedsoon, Leewwi. Namni garee faarfattootaa ka gara cinaa bita'aatiin jiran masakku ka sadeesso'oo ilma Meeraarii Eetaani; fiixaan maatii isaa akkaataa armaan gadiitiin haga Leewwi'ii gaya; isaan Eetaani, Qisaa, Abdii, Maalooki, Hashabiyaa, Ameesiyaasi, Keliqiyaasi, Amaasi, Baanii, Seemeer, Mohool, Muusii, Meraari, Leewwi. Worri Leewwotaa ka obboleewwan isaanii mana woyyuu Rabbii keessatti akka hojjataniif kennaman. Ijoolleen Aaroonii garuu akkuma garbichi Rabbii Muuseen isaan ajajetti hujii mana woyyu'uu hulee woyyittii woyyootaa maraa waan worra Israa'eliitiifillee dhiifamsa cubbu'uutiif ciincaa waan cubbu'uutiif ciincawu hulee hixaana irratti ciincessan irratti ciincessa'aa turan. Fiixaan Aaroonii Alaazar, Finihaas, Abiisuu, Buuqi, Oozi, Zarayaa, Marayooti, Amaariyaa, Akixoobi, Saadooqii fi Akimaasiin fa'a. Huleen jireennaa ka Leewwotaaf kenname kanniin; hixaan jalqabaa gosa Qaatiitiif waan bayeef isaaniif Keebroonii biyya Yihuuda'aa keessa jirtuu fi hulee horii itti bobbaafatan ka naannaya isi'ii jiru kennaniif. lafa qonnaa ka Keebrooniitii fi ganda isaanii garuu Kaaleebii ilma Yufooniitii kennan. Ijoollee Aarooniitiif qachoota dhaqanii keessatti dhokatan Keebroonii fi hulee horii itti bobbaafatan kennaniif Akkasuma Yitiriin, Eshtimo'oo fi hulee horii itti bobbaafatan, Hoolo'oo fi hulee horii itti bobbaafatan, Daabeerii fi hulee horii itti bobbaafatan, Aasaanii fi hulee horii itti bobbaafatan, Beetisaamisii fi hulee horii itti bobbaafatan; Gosa Biiniyaamii keessaallee Geeba'aa fi hulee horii itti bobbaafatan, Gaaleemaatii fi hulee horii itti bobbaafatan, Anaatoonii fi hulee horii itti bobbaafatanillee hin kennaniif; Qachoonni isaanii akkaataa hortee isaaniitiin qachoota kudha sadihi turan. Ijoollee Qaatii worra hafan akkaataa gosa isaaniitiin qachoota kudhanii wodhakkaa gosa Minaase'eetii kennan. Ijoollee Geedsooniitiifillee akkaataa gosa isaaniitiin gosa Yisaakoorii keessaa, gosa Aseerii keessaa, gosa Niftaalemii keessaa, gosa Minaase'ee ka biyya Baasaanii keessa jiru keessaa, qachoonni kudha sadihii isaanii kenname. Ijoollee Meeraariitii akkaatama gosa isaaniitiin gosa Roobeelii keessaa, gosa Gaadii keessaa, gosa Zaabiloonii keessaa qachoonni kudhanii hixa'aan isaanii kenname. Worri Israa'elii worra Leewwotaatiif qachoota hulee horii itti bobbaafatan woliin kennaniif. Gosa ijoollee Yihuuda'aa keessaallee gosa ijoollee Simoonii keessaallee, gosa ijoollee Biiniyaamii keessaallee qachoota maqaan dhayame kanniin kennaniif. Gosa ijoollee Qaatii keessaallee gari gariin qachoota gosa ijoollee Efreemii keessaa gayee qaban. Qachoota itti dheessan ka gaara irra jiran ka Efreemii Seemii fi hulee horii itti bobbaafatan, Geeziriinii fi hulee horii itti bobbaafatan, Yooqi'aamii fi hulee horii itti bobbaafatan, Beetihooroonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Eeloonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Gaatirimoonii fi hulee horii itti bobbaafatan isaanii kennan. Gosa Minaase'ee keessaa wodhakkaa Aneerii fi hulee horii itti bobbaafatan, Beeli'aamii fi hulee horii itti bobbaafatan gosa ijoollee Qaatii keessaa ka hafe isaanii kennan. Ijoollee Geedsooniitii Goola'aa fi hulee horii itti bobbaafatan. Astirootii fi hulee horii itti bobbaafatan, qachoota wodhakkaa gosa Minaase'ee kennaniif. Gosa Yisaakoorii keessaallee Qaadeesii fi hulee horii itti bobbaafatan, Daabraatii fi hulee horii itti bobbaafatan, Raamootii fi hulee horii itti bobbaafatan, Aaneemii fi hulee horii itti bobbaafatan. Gosa Aseerii keessaallee Maasaalii fi hulee horii itti bobbaafatan; Abdoonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Huuqooqii fi hulee horii itti bobbaafatan, Ra'aabii fi hulee horii itti bobbaafatan. Gosa Niftaalemii keessaallee qachaa Qaadeesii ta Galiilaa jirtuu fi hulee horii itti bobbaafatan, Hamoonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Qiriyaataamii fi hulee horii itti bobbaafatan kennaniif. Ijoollee Meeraarii ta gosa Leewwotaa keessaa haftee, gosa Zaabiloonii keessaa Reemoonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Taaboorii fi hulee horii itti bobbaafatan, Gosa Roobeelii keessaa karaa kolba Yerusaalemiitiin laga Yoordaanosii gama Iyyaarikoo irraa gara baya biiftu'uutiin jirtu, qachaa Baasoorii ta lafa gammoojji'ii jirtuu fi hulee horii itti bobbaafatan, Qideemootii fi hulee horii itti bobbaafatan, Mefaatii fi hulee horii itti bobbaafatan, Reemaatii fi hulee horii itti bobbaafatan, Mahaanaayimii fi hulee horii itti bobbaafatan. Haseboonii fi hulee horii itti bobbaafatan, Iyyaazeeriifillee hulee horii itti bobbaafatantu kennameef. Yisaakoor ijoollee dhiiraa afur uumate; isaanillee Tolaa, Fuwaa, Yaashuubii fi Shimiroon. Tolaan ijoollee dhiiraa jaha uumate; isaanillee Uuzi, Rafayaa, Yiri'eel, Himaayi, Yibsa'aa fi Shaamu'eel; abboonni maatii Tola'aa fiixaan isaanii worra jajjaba'aa fi ka baallii qaban tura; bara mootichi Daawiti jiru baay'inni isaanii kuma lamaa fi dhibba jaha ture. Uuzi ilma Yiziraahiyaa jedhamu uumate; Yiziraahiya'aa fi ijoolleen isaa ta dhiiraa shananuu Mikaa'eel, Abdiyyu, Iyyu'eelii fi Yishiyaan kunniin maruu bulchoota maatii ufii turan. Isaan haawwota manaa baay'e'ee fi ijoollee baay'ee waan qabaniif fiixaa isaanii keessaa namoota duula gayan namoota dhiiraa kuma soddomii jaha dhiyeessuu hin danda'an ture. Fiixaa Yisaakoorii keessaa namoota dhiiraa ka umuriin isaanii duulaaf gaye haga namoota kuma saddeettamii torbaa akka ta'an galmeen fiixaa isaanii hin ibsa. Biiniyaam ijoollee dhiiraa sadihi uumate; isaanillee Beelaa, Beekeerii fi Yidaa'eeliin fa'a. Beelaan ijoollee dhiiraa shan uumate; isaanillee Heseboon, Oozi, Uuzi'eel, Iyyaarimuutii fi Iiri; isaan gosa ufii keessatti bulchoota maatii ufiitiif duultota janna gurra dhagayatan turan; fiixaa worra isaanii keessaa namoonni dhiiraa ka umuriin isaanii duulaaf gaye namoota kuma diddamii lamaa fi soddomii afur. Beekeer ijoollee dhiiraa sagal uumate; isaanillee Zimiraa, Iyyo'aas, El'eezar, Elyoo'eenaayi, Oomri, Iyyaarimuut, Abiyaa, Anaatootii fi Aleemeetiin fa'a. Fiixaa maatii isaanii keessaa worri umuriin isaanii duulaaf gaye namoota dhiiraa kuma diddamaa fi dhibba lama turan. Idi'eel Bilihaaniin uumate, Bilihaan Ya'uus, Biiniyaam, Ehuud, Kani'aanaa, Zeetaan, Tarseesii fi Akisa'aar worra jedhaman ijoollee dhiiraa torba uumate. Isaan fiixaa ufii keessatti bulchoota maatii ufiitiif duultota janna gurra dhagayatan turan; isaan fiixaa maatii ufii keessaa namoota dhiiraa ka umuriin isaanii duulaaf gaye namoota kuma kudha torbaatii fi dhibba lama turan. Akkasuma Saafiin, Huufiin ijoolleen Iirii Huushiim ijoollee Aheeriiti. ijoolleen Niftaalemii Yaaxeel, Guun, Yuuxeer, Shaam; isaan fiixaa Baala'aati. Ijoolleen Minaase'ee ta inni mata gala itti galu ta gosa Sooriya'aa deetteef Isri'eelii fi Maakirii abbaa Gala'aadii fa'a. Maakiri gosa Huufimiitii fi gosa Saafinii keessaa intala fuudhe; obboleettiin isaa Ma'aakaa fi ta lammeesso'oo Solofa'aad; isiin ijoollee intalaa ta ufii deette qabdi. Haati manaa Maakirii ijoollee lama deetteef; maqaan isaanii Faareesii fi Soroosi. Ulaan ilma dhiiraa ka Baadaan jedhamu uumate; kunniin maruu ilma ilma Maakirii gosa Minaase'ee ka fiixaa Gala'aadiiti. Obboleettiin Gala'aadii Malakeet ijoollee dhiiraa sadihi deette; isaanillee Isuudiin, Abi'eezirii fi Maahilaa fa'a. Ijoolleen Shamida'aa Aayyaan, Seekeem, Liqihi'ii fi Ani'aamiin fa'a. Efreem Shutulaa uumate; Shutulaan Baarediin uumate; Baaredi Tahaatiin uumate; Tahaati Eel'aadaa uumate; Eel'aadaan Tahaatiin uumate; Tahaati Zabaadiin uumate; Zabaadi Shutulaa uumate; Efreem Shutula'aan alattillee ijoollee dhiiraa lamaan Eedirii fi Eelaadiin uumate; Isaan uduu horii isaanii hata'aaran arganii worri Geetii isaan ajjeesan. Abbaan isaanii Efreem waan guyyaa baay'ee isaanii gaddeef obboleewwan isaa isa jajjabeessu'uuf gara isaa dhaqan. Kanaan maayessa Efreem haadha manaa ufii bira gaye; isiinillee ulfooftee ilma deetteefii waan mana isaa keessatti rakkoon uumameef Bari'aa jedhee maqaa itti baase. Efreem mucattii Si'aaraa jedhamtu uumate; isiin qachoota lamaa jalaa fi gubba'aan Beetihoorii fi Uzaan She'eeraa jedhamu hojjachiifte. Efreem ilma Reefaahi jedhamu uumate; fiixaan Reefaahii Reeshiif, Teelaahi, Tahaan, Laa'idaan, Amihuud, Eelshaamaa, Nawwe'ee fi ilma isaa Iyyaasuu fa'a. Bulchiifni fiixaan Efreemii fudhatanii ka ufii taasifatan qachoota didiqqaa, Beeteelii fi naannoo isi'iititti argaman yoo ta'u gara baya biiftu'uutiin haga Naa'iraanii, gara dhiya adu'uutiin haga Geezeeriitii fi qachoota didiqqaa naannaya isi'iititti argaman maraa wolumatti qabata; Seekeemii fi Ayaaniin ka naannaya isaanii jiru maraa qachoota didiqqaallee hin eda'ata. Fiixaan Minaase'ee Beetishaan, Taa'inaag, Magidoonii fi Doori; akkasuma qachoota didiqqaa naannoo isaaniititti argaman bulchiinsa ufii jala taasisan; kunniin maruu hulee fiixaan Yooseefii ilma Yaaqoobii keessa jiraatan. Aseer ijoollee dhiiraa afurii fi intala takka uumate. Isaanillee Yuuminaa, Yesuwaa, Yesuwi'ii fi Bari'aa yoo ta'an, obboleettiin isaanii Seeraahi; Bari'aan ijoollee dhiiraa lamaan Heebeerii fi Malki'eel jedhaman uumate; Malki'een ilma Beerzaawii jedhamu uumate. Heebeer ijoollee dhiiraa sadihi uumate; isaan Yaafleex, Seemeerii fi Kootaamiin fa'a; obboleettiin isaanii Soolaani. Yaafleex ijoollee dhiiraa sadihi Feseek, Bimihaalii fi Asiitiin uumate. Saameeri ijoollee dhiiraa Aakii, Ro'aagaa, Yixuuba'aa fi Aaraamiin uumate. Ijoolleen obboleessa Eelaamii ta dhiiraa Xoofaa, Yiminaa, Seeleesii fi Amaaliin fa'a. Fiixaan Xoofa'aa Suwaa, Harneefir, Soogaal, Beerii, Yimiraa, Bexiir, Hood, Saamaa, Saalisaa, Yitira'aa fi Bi'eeraa fa'a. Fiixaan Yuuterii Yurooni, Fissipha'aa fi Aaraa fa'a; Fiixaan Ula'aa, Eeraa, Hani'eelii fi Raxiyaa fa'a. Kunniin maruu fiixaa Aseeriiti; isaan bulchoota maatii ufiitiif loltoota jannaa fi masakkoota filataman turan; fiixaan Aseerii hujii lolaatiif worri gayaa ta'an dhiira kuma diddamii jaha qaban. Biiniyaam ijoollee dhiiraa shan uumate; isaan akkuma umurii isaaniitiin Beelaan, Asbeel, Ahaaraa, Nohaana'aa fi Raafaaniin fa'a. Fiixaan Beela'aa Adaar, Geeraa, Abihuud, Naa'imaa, Ahowaa, Geeraa, Safuufaa, Huuraaniin fa'a. Fiixaan Eehudii Naa'imaa, Ahaaya'aa fi Geeraa fa'a. Isaan maatii duraan Gibi'aa keessa jiraatanii fi worra achiin maayessa hulee sanii baqatanii gara Mihaanaayii dhaqanii jiraataniif bulchoota turan; namni achi isaan fide Geeraa abbaa Uuza'aatii fi abbaa Ahihuudiiti; Shahaaraayim haawwota manaa lamaan ufii ta Uushim jedhamtuu fi ta Baa'iraa jedhamtu haga baaseen maayessa biyya Moo'aabiititti ijoollee torbaa haadha manaa ufii Haadeeshiin irraa uumate; isaan Yoobaab, Dibiyaa, Maasee, Maalkaam, Yi'uuxi, Shakkiya'aa fi Mirmaa fa'a; ijoolleen isaa maruu bulchoota maatii ufii ta'an. Ammallee haadha manaa ufii ta Uushim jedhamtu irraa ijoollee dhiiraa lama Abixuubii fi Eelfi'aaliin uumate; Eelfi'aali Eebeer, Miishaam, Aano'oo fi Loodiin uumate; Shemeed nama qachoota Anoonii fi Lood jedhamtee waamamtuu fi gandoota naannoo isaaniititti argaman maraa ka ijaare. Bari'aanii fi Shama'aan worra qachaa Ayaaloonii keessa jiraatan bulcha'aa turan; isaan worra biyya Geetii keessa jiraatan maraa hin ari'an. Fiixaan Bari'a'aa Ahiyuu, Shaashaaq, Yireemiti, Ijoolleen Eelfi'aalii ta dhiiraa Zibaadiyaa, Meesulaam, Hisqii, Hebeer, Yishimiraayi, Yiziliya'aa fi Yubaabiin fa'a. ijoolleen dhiiraa ta Saama'ii Yaaqiimi, Zikkiri, Zabiidi, Eelenaayi, Xiltaayi, Eesi'eel, Adaayaa, Biraaya'aa fi Shimiraatiin fa'a. ijoolleen dhiiraa ta Sooleeqii Yishiphaan, Ebeer, Eeli'eel, Abdoon, Zikkiri, Hanaan, Hanaaniyaa, Eelaam, Antootiyaa, Yifiidiya'aa fi Faanu'eeliin fa'a. Shamshiraayi, Shahaariyaa, Gotoliyaa, Yaareshiyaa, Eeliyaana'aa fi Zikkiri ijoollee dhiiraa ta Yeroohaamiiti. Kunniin maruu worra Yerusaalemiin keessa jiraataniif bulchoota maatii ufii masakkaniif fiixaa isaanii ka dhiigaati. Yi'i'eel qachaa Gabaa'oonii ijaaree keessa jiraate; haati manaa isaa ta Maa'ikaa jedhamtu yoo taatu, Ilmi isaa ka hangafaa Abdoon jedhama; ijoolleen dhiiraa ta biraa Duur, Qiis, Ba'aal, Naadaab, Geedoor, Ahiyuu, Zaakeer fa'a biyya Gabaa'oonii keessa jiraatan. Miqilooti Saami'aa uumate; isaan obboleewwan ufii woliin Yerusaalemiin keessa jiraatan. Neeri Qiisiin uumate; Qiisi Saa'oliin uumate; Saa'ol Yoonaataa, Milkisaa, Aminaadaabii fi Asa'aaliin uumate; Ilmi dhiiraa ka Yoonaata'aa Mariiba'aal Miikaa uumate; ijoolleen dhiiraa ta Miika'aa Piitoon, Meeleek, Taare'aa fi Akaaziin fa'a. Akaazi Yiho'aadaa uumate, Yiho'aadaan Alemeeti, Azmootii fi Zamirii uumate; Zamiri Mooxaa uumate; Mooxaan Bini'aaniin uumate, Bini'aan Raaffayaa uumate Raaffayaan Eel'aasaa uumate, Eel'aasaan Aseeliin uumate; Aseel ijoollee dhiiraa jaha uumate, maqaan isaanii Azriqaam, Bokiruu, Ismaa'el, Sha'aariyaa, Abdiyyuu fi Haannaa fa'a. Obboleessi Aseelii hangaftichi Ulaan, lammeessoon Iyyaas, ka Sadeesso'oo Eelfalaatiin fa'a. Ijoolleen Eelaamii ta dhiiraa loltoota jannaa fi worra eboo darbatan turan; fiixaan isaanii maruu ijoollee dhibbaa fi shantamaa fi ijoollee ijoollee ufiillee hin qaban turan. Baniin Israa'elii maruu akkuma maatii ufiitiin galmaayan; seenaan kun akkaatama kitaaba mootota Israa'eliitiin barreeffameera; baniin biyya Yihuuda'aa sababaa cubbuu ufiitiif booji'amanii gara biyya Baabiloonii dhaqan. Gadoonni duraa ka gara lafa ufii dacha'an worra Leewwotaa, worra mana woyyuu keessatti hojjatanii fi worra Israa'elii fa'a. Worri Yihuuda'aa, ka Biiniyaamii, ka Efreemiitii fi worri gosa Minaase'ee ta'an Yerusaalemiin keessa jiraachu'uuf deeman. Worra Yihuuda'aa keessaa worri Yerusaalemiin keessa jiraachu'uuf dhaqan maatii dhibba jahaatii fi sagaltama; fiixaan Faareesii ilmi Yihuuda'aa, ilmi ilma Oomirii ilma Amihuudii Utaayiin garuu bulchaa taasisanii filan; kuuwwan worri fiixaa Faareesii Imirii fi Baaniin fa'a. Ilmi Yihuuda'aa hangaftichi fiixaan Sheela'aa Asaaya'a. Inni ijoollema ufii woliin bulchaa maatii ufii ture; ilmi Yihuuda'aa Yi'u'eelii fiixaa Zarahii akka inni isaan bulchu taasifatan. Gosa Biini'yaamii keessaa worri Yerusaalemiin keessa jiraachu'uuf deeman wolitti qaba'atti maatii dhibba sagalii fi shantamii jaha; worri asii olitti maqaan isaanii dhayame kunniin maruu bulchoota maatii ufii turan. Kunniin maruu hujii mana woyyuu keessatti hojjatamu maraa hojjachu'uuf worra dandeettii qabu turan; baay'inni isaanii namoota kuma tokkoo fi dhibba torbaa fi jahaatama turan. Waardiyyoonni mana woyyuu Yerusaalemii keessa jiraata'aa turan. Shaaluum, Aquubi, Xeelmoonii fi Ahimaaniin fa'a; bulchaan isaanii Shaaluum. Haga hennaa sanii isaan balbala gara baya biiftu'uu ka mootichaa eega'aa turan; isaan tanaan dura balbala dallawa gara worra Leewwotaa seensisuun eega'aa turan. Shaaluum ilmi Qoree ilma Abiyaasaafii worra gosa maatii Qore'ee ta'an firtoota ufii woliin akkuma aboonni isaanii ta duraanii hujii Rabbii huja'aa turanitti balbala daasee Rabbi itti waaqeffamu eega'aa tura. Dura Finihaasii ilma Alaazariititu bulchaa isaanii ture; Rabbillee isa woliin ture. Zakkaariyaas ilmi Meesula'aa balbala daasee wol gayi'ii eega'aa ture. Worri hulee balbala seenanii Rabbiin itti waaqeffatan haa eegani'iif filataman namoota dhibba lamaa fi kudha lama; kunniin worra Daawitii fi raattichi Saamu'eel akkaataa gosa isaaniitiin uf jalatti ramadan keessatti laakkayaman. Isaanii fi ijoolleen isaanii daasee mana woyyuu Rabbii keessatti waardiyyoota turan. Kolba arfaniinuu gara kaabaatiin, gara kibbaatiin, gara baya biiftu'uutii fi gara dhiya adu'uutiinillee, waardiyyootatu eega'aa ture. Waardiyyoota kanniin firtoonni isaanii ka gandaa isaanii keessa jiraata'aa turan torbaan torbaaniin kore kore'een dhaqa'aa isaan gargaaruu isaan barbaachisa ture. Worra Leewwotaa keessaa bulchoonni afurii ka waardiyyootaa hennaa maraa baallii guutuu isaan irraa qaban akkasuma isaan meeshaa mana woyyuu keessa jiruu fi kutaa maraafuu worra baallii qaban turan. Isaan waan mana woyyuu eeganiif ganamaa fi galgalallee worri balbala mana woyyu'uu banu waan isaan ta'eef naannoma san bulan. Leewwonni kuuwwan meeshaa qulqulluu mana woyyuu keessatti ittiin hojjatan maraa irratti baallii qaban; isaan meeshaa kanniin hennaa huji'ii laakkaya'aa baasan; huji'iin maayessaallee laakkayanii gara mana woyyu'uu deebisan. Isaan keessaa gari gariin daadhii woyini'ii, Dhadhaa ejersaa, Hixaanaa fi urgooftuu irrattillee baallii qaban. Gosa worra gadootaa keessaallee gari gariin worra urgooftuu gara garaa wolitti qabu irratti baallii qaban. Matitiyaan namni gosa Qore'ee ilmi hangafaa ka Shaaluumii waan eelee irratti bilcheessan maraa irratti baallii qaba ture. Baniin gosa Qaatii gari gariin xoroshoo guyyaa sambataa mana woyyuu keessatti qopheessan maraa irratti baallii qaban. Bulchoonni gosa Leewwotaa gari gariin faarfattoota turan; hujiin isaanii halkanii fi guyyaa waan ta'eef hujii kaawwan hin hojjatan. Kunniin maruu bulchoota worra Leewwotaati; isaan akkaatama gosa ufiitiin Yerusaalemiin keessatti bulchoota ta'anii jiraata'aa turan. Yi'i'eel qachaa Gabaa'oonii ijaaree keessa jiraata'aa ture; haati manaa isaa Ma'ikaa jedhamti; ilmi isaa ka hangafaa Abdoon jedhama; ijoolleen isaa ta dhiiraa tuuwwan Duuri, Qiisi, Ba'aali, Neeri, Naadaabi, Gedoori, Ahiyuu, Zaakuuri, Miqilooti biyya Gabaa'oonii keessa jiraata'aa turan. Miqilooti Sami'aa uumate, isaanillee obboleewwan ufii woliin naannoma isaan jiraatan san Yerusaalemiin keessa jiraata'aa turan. Neeri Qiisiin uumate, Qiis Saa'oliin uumate; Saa'ol Yoonaataa, Melkisaa, Aminaadaabii fi Asba'aaliin uumate; Ilmi Yoonaata'aa Marba'aali. Marba'aali Miikkaa uumate; Miikkaanillee ijoollee dhiiraa Piitoon, Meeleek, Taari'aa fi Akaaziin uumate; Akaazi Ya'iraa uumate; Ya'iraan Alemeeti, Azmootii fi Zamiriin uumate; Zamirillee Mooxaa uumate. Mooxaan Bin'aaniin uumate. Bini'aan Raaffayaa uumate; Raaffayaan Eel'aasaa uumate, Eel'aasaan Eseeliin uumate. Eseeli ijoollee jaha qaba; isaan Azriqaam, Bokiruu, Ismaa'el, Sha'aariyaa, Abdiyyuu fi Hanaaniin fa'a. Worri Filisxeemii worra Israa'eliitiin wol lolan; worri Israa'elii worra Filisxeemii jalaa dheessan; lola saniin worra Israa'elii baay'ee gaara Gilbo'a'aa irratti fixan. Worri Filisxeemii Saa'olii fi ijoollee isaa faanaa deemanii ijoollee dhiiraa sadiin Yoonaataa, Aminaadaabii fi Melkisaa ajjeesan. Lolli Saa'olitti jabaate; mootichi Saa'ol woraana diinaatiin woraannamee guddisee madaaye. Saa'ol loltu isa gargaaruun, «Worri hin gadoomne kunniin dhufanii akka natti hin taphanne guraadee kee luqqifadhuu na ajjeesi» jedheen; loltuun isa gargaaru sun garuu sodaatee dide; Saa'ol Yoma san guraadee ufii luqqifatee lafatti dhaabee itti dirme. Loltuun isa gargaaru akka Saa'ol du'e haga arge innillee guraadee ufii luqqifatee lafatti dhaabee akkuma Saa'olii itti dirmee du'e. Kanaaf Saa'olii fi ijoolleen isaa ta dhiiraa Sadiinuu hennaa tokko dhuman; mootummaan Saa'oliillee achumatti dhaabate. Worri Israa'elii ka dhooqa keessa jiran akkuma dheessaniin akka Saa'olii fi ijoolleen isaa ta dhiiraa sadiin dhumte haga argan qachaa ufii dhiisanii baqatan; worri Filisxeemii garuu dhufanii qachaa isaanii san qabatan. Bariisaa lolaa san worri Filisxeemii worra du'an waan isaan qaban maraa irraa hiikkachu'uuf hennaa dhufan reeffa Saa'oliitii fi reeffa ijoollee isaa ka gaara Gilbo'a'aa irratti kufeeru argan. Morma Saa'olii muranii haga meeshaa lolaa irraa hiikkataniin maayessa worra dhaamsa geessanitti kennanii gammachuu ufii waaqa tolfamaa ufiitii fi banii ufiititti akka himan isaan ergan. Meeshaa lolaa ka Saa'olii ka fuudhan mana waaqa tolfamaa ufii keessa kaayan; mataa isaa mana waaqa tolfamaa daagoon jedhamuu keessatti fannisan. Baniin Iyyaabisii ka biyya Gala'aadii haga worri Filisxeemii waan Saa'oliin irratti godhan dhagayan, namoonni jajjabaan dhaqanii reeffa Saa'oliitii fi ka ijoollee isaa gara biyya Iyyaabisii fidanii haga qilxuu jalatti awwaalaniin maayessa guyyaa torba guutuu Sooman. Akka kanatti Saa'ol waan cubbuu hojjatee fi waan jecha Rabbiitiif ajajamuu dideef du'e. Inni garuu mortuu ekeraa waamu gaafate malee Rabbiin hin gaafanne; kanaaf Rabbi isa ajjeesee mootummaa isaa ilma Isseyii Daawitii dabarsee kenne. Worri Israa'elii maruu Keebroonitti gara Daawitii dhaqanii «Nu maruu fira kee ka dhiigaati; baroota darbe keessa Saa'ol hennaa mootii ta'ee jiru ‹situ banii Israa'elii duulaaf bobbaasa; banii kiyya banii Israa'elii situ bulchaa; situ masakkalle'e› jedhee Rabbi Waandhi kee sitti himeera» jedhaniin. Haala kanaan jaarsonni biyya Israa'elii maruu Keebroonitti Daawitiin bira dhaqanii, Daawitillee Keebroonitti Rabbiin afo'otti isaan woliin waadaa gale. Akkuma Rabbi Saamu'eelitti hime akka inni banii Israa'elii irratti mootii ta'uuf Daawitiin moosisan. Mootichi Daawitii fi baniin Israa'elii maruu dhaqanii qachaa Yerusaalemii dhayan; hennaa san qachattiin sun Iyyaabus jedhamti; worri lafa san irra jiraata'aa turan banii Iyyaabusootaati. Baniin biyya Iyyaabusii keessa jiraata'aa turan sunniin Daawitiin «gara biyya kanaa hin galtu» jedhaniin. Daawiti garuu kushee isaan Tsiyooniin keessatti hojjatan qabate. Achiin maayessa huleen sun «Qachaa Daawitii» jedhamtee waamamte. Daawiti «Namni dura worra Iyyaabusii dhaye bulcha'aa fi ajajaa lolaa ta'a» jedhe; ilmi Tsuuriya'aa Iyyoo'aab firrisee dhaqee waan worra Iyyaabusii dhayeef ajajaa loltootaa ta'e. Daawiti waan kushee keessa taa'eef qachattiin sun «Qachaa Daawitii» jedhamte. Daawiti Tullu'uun gara baya biiftu'uutitti kolba goobaa ka biyye'een wol qixxeessan irraa jalqabee qachattii deebisee ijaare; Iyyoo'aabillee gara ufiitiin qachattii cinaa hafteen hojjate. Daawiti Rabbi Waandhi banii maraa waan isa woliin jiruuf guyya guyya'aan jabaata'aa deeme. Loltoonni Daawitii ta gurra baate, worra Israa'elii kaawwan woliin ta'anii akka jecha abdii Rabbiitiin Daawiti akka mooyu guddisanii gargaaran; akka mootummaan isaallee jabaatu taasisaniiran. Laakkobsi loltoota Daawitii ta gurra baatee bulchaan loltoota soddomaa Shoobaaminii gosa Haakimooniiti; inni woraana fudhatee hennama tokko nama dhibba sadihii fixe. Isaan maayessallee namni bulchoota jajjabaa sadihii keessaa tokko ture ka gosa Ahaatotaa ilma Duudii Alaazar. Inni Daawitiin woliin Paasadamiin keessa ture; achitti maasaa garbu'uu keessatti worri Filisxeemii lolaaf wol gayee ture. Baniin maruu worra Filisxeemii jalaa dheessan. Isaaniillee lafa qonnaa keessa dhaabatanii isaan eeganii worra Filisxeemii fixan; Rabbi akka maalale'eetitti akka isaan mooyatan isaan taasise. Gaafa tokko bulchoota loltootaa namoota soddomaa keessa namoonni sadihii gara hulee Daawiti jiruu gara dhagaa Adoolaamiititti gad dhaqan. Hennaa san duulli worra Filisxeemii dhooqa Raaffaayimiititti wol gayaniiran. Yoo san Daawiti kushee ufii keessa jira; duulli worra Filisxeemiillee Beeteliheemiin keessa jira. Daawiti, «Burqaa bisaanii ta Beeteliheemiin keessa jirtuu bisaan woraabee eentu naa fida?» jedhee yaade; Hennaa san loltoonni jannan sadiin sunniin qe'ee worra Filisxeemii keessa hulluuqanii keessa lufanii boolla keessaa bisaan woraabanii Daawitii fidan; inni garuu dhuguu hin barbaanne; inni bisaan san akka waan ciincaa Rabbii dhiyeessa'aaruutitti lafatti gad jisse. «Ani bisaan kana hin dhugu; ani yoo bisaan kana dhuge akka waan dhiiga worra jannaa ka lubbuu ufiititti murteessee dhugeeti» jedhe. Kanaaf bisaan san dhuguu hin barbaanne; hujiin jannumma'aa ka jarri sadihii sunniin raawwatte kanniin fa'a. Abiisaan obboleessi Iyyoo'aabii bulchaa jara sadiiniiti. Inni woraana fudhatee namoota dhibba sadihii waan ajjeeseef innillee akkuma jara janna sanniiniititti beekkamaa ta'e. Inni jannoota jajjabaa sadihii sanniin keessaa akka nama tokkootittillee yoo hin laakkayaminii jannummaa ufii hojjateen ulfinna ulfinna isaanii caalu waan argateef bulchaa isaanii ta'uu danda'e. Banayaas ilmi Yoodaahe'ee biyya Qabsi'eeliititti loltuu gurra dhagayate ture; inni loltoota lamaa ta biyya Moo'aabii ajjeesuu callaa uduu hin taane jabeenna biraallee baay'ee hojjate; guyyaa tokko hennaa qorri bu'e goda tokko keessa seenee leenca ajjeese. Nama biyya Misirii tokkollee ka lolaan gurra dhagayate, ka woraana harkaa qabu, ka hojjaan isaa meetira lamaa ol ta'e jabaa tokkollee ajjeeseera. Banayaas ulee malee uduu meeshaa lolaa ka biraa harkatti hin qabanne nama biyya Misirii tokkotti dhiyaatee dhayeenii woraana isaa ka meeshaa worra woccuu dhawuu fakkaatu irraa fudhatee ajjeeseen. loltoota soddomaa keessaa hujiin jannumma'aa ka Banayaas hojjate kanniin. Inni namoota soddomaa sanniin keessaa nama guddisee beekkamellee yoo ta'e jannummaan inni hojjate jannoota sadihii sanniin hin gawu; Daawiti Banayaasiin ajajaa waardiyyootaa godhee muude. Hennaa Daawiti Saa'olii ilma Qiisii jalaa dheessee gara biyya Tsiqlaagii ture, worra dhaqee isa woliin achi ture keessaa jajjaboonni loltootaallee isa woliin turan. Worri buundhee tokkosu, worri furaanfurrisaan darbatu, bita'aa fi mirgaanillee darbatuu danda'an turan; worra gosa Biiniyaamii keessaallee ijoolleen Saa'oliillee isaan woliin jiran. Daawiti Kushee lafa gammoojji'ii keessatti argamu keessa uduu jiru worri loluu danda'an ka gurra bayan dhufanii Daawitiin gargaaran worra wonte'ee fi woraanaan loluu beekanii fi worra akka leencaatitti nama sodaachisanii fi worra akka kuruphe'eetitti utaalan turan. Bulchaan isaanii Exeeri, lammeessoon Abiyuudi, sadeessoon Eeliyaabi, arfeessoon Masmanaa, shaneessoon Ermiyaas, jaheessoon Aataayi, torbeessoon Eli'eeli, saddeetessoon Yohaanaan, sagaleessoon Eelzaabaadi, kudhaneessoon Ermiyaas, kudha tokkeessoon Makibanaayi. Worra gosa Gaadii ta'an keessaa namoonni hagoon worra loltoota kumaa ajajuu fi worra loltoota dhibbaa ajaju; worri ji'a jalqabaa irratti hennaa lanni Yoordaanosii qacce'ee ka'ee haga qacce'eetitti guute ceeyan kanniin. Isaan kunniin worra dhooqa keessaa cinaa gara baya biiftu'uutii fi cinaa gara dhiya biiftu'uutiin jiran maraa ari'an. Gaafa tokko namoonni hagoon gosa Biiniyaamiitii fi gosa Yihuuda'aa keessaa wol gayanii gara kushee Daawiti jiruu dhaqan. Daawiti gara isaanii dhiyaatee «Yoo wonti isin gara kiyya dhuftaniif na gargaaru'uuf ta'e misha'a; gammachu'uun isin simadha; nu woliin ta'aa'a, yoo uduu ani womaa isin hin goone diina kiyyatti dabarsitanii na kennu'uuf taatan garuu Waandhi abboota teenna ta durii argee haa murteessu» isaaniin jedhe. Hafuurri Woyyuun Rabbii bulchaa namoota soddomaa Amaasaayiin irratti bu'e; Innillee, «Daawiti! nu keeti! Ilma Isseyii! Nu si woliin jirra! Si'ii fi worra si gargaaran maraafuu nageenni haa ta'u! Rabbi si bira dhaabatee si gargaara!» jedha'aa laagaa ufii ol qabatee iyye; Daawitille gammachu'uun isaan simatee bulchootaa fi loltoota ufii isaan taasise. Hennaa Daawiti worra Filisxeemii woliin Saa'oliin lolu'uuf baye loltoonni hagoon worra gosa Minaase'ee keessaa Daawitiin gargaaru'uuf deeman; bulchoonni worri Filisxeemii garuu «Daawiti nu ganee gara Saa'olii gooftaa isaa ka duriititti deebi'a» jedhanii waan sodaataniif haga mari'ataniin maayessa gara Tsiglaagii akka deebi'u godhan. Gosa Minaase'ee keessaa Daawiti hennaa deebi'e maqaan loltoota gara isaa deebi'anii Adinaa, Yoozaabaati, Yidi'eeli, Mikaa'eli, Yoozaabaati, Elihuu fi Xaltaayi fa'a; kunniin maruu hennaa bulchiinsa Minaase'ee jala jiraatan worra loltoota kumaa ajaju turan. Kunniin maruu loltoota jajjabaa gurra bayan; hennaa loltoonni diina isaa isa miidhan Daawitiin gargaara'aa turan. Isaan guyya guyya'aan dhufa'aa loltoota Daawitiititti waan eda'amaniif loltoonni Daawitii guyya guyya'aan baay'atanii jabaata'aa deeman. Hennaa Daawiti Keebrooniin keessa jiru loltoonni leenji'an baay'een loltoota Daawitiititti eda'aman; akkuma Rabbi abdii isaa kenneetitti akka bikka Saa'olii moowu gargaarsa guddaa godhaniif. Gosa Yihuuda'aa keessaa worri wonte'ee fi woraana hidhatan loltoota kuma jahaa fi dhibba saddeeti. Gosa Simoonii keessaa worri kolbatti leenji'e loltoota kuma torbaa fi dhibba tokko. Gosa Leewwi'ii keessaa loltoota kuma afurii fi dhibba jaha. Worri fiixaa Aaroonii ka Yoodaahee faanaa deeman loltoota kuma sadihii fi dhibba torba. Isa woliin ka'imticha jabaa Saadooqi jedhamutu ture; mana abbaa isaa keessaa bulchoota loltootaa diddamii lamatu ture. Gosa Biiniyaamii ka obboleessa Saa'olii keessaa namoota kuma sadihiiti; garuu namoonni baay'een gosa Biiniyaamii amanamummaa Saa'olii qaban hin dhiifne. Gosa Efreemii keessaa loltoota kuma diddamaa fi dhibba Saddeeti; isaan maruu gosa ufii keessatti loltoota jajjabaa gurra bayan turan. Worri gosa Minaase'ee keessaa Daawitiin moosisu'uuf gara dhiyaatii dhufe namoota kuma kudha saddeeti. Gosa Yisaakoorii keessaa worri ogeeyyiin bara beekan, bulchoota dhibba lamaa yoo ta'an worra bulchiinsa isaanii jala jiran maraa wolitti qabata. Gosa Zaabiloonii keessaa worri amanamtoonninii fi worri hedataman, worri meeshaa woraanaa kamiinuu fayyadamuu danda'aanii fi worri lolaaf qophaayan loltoota kuma Shantamaati. Gosa Niftaalemii keessaa bulchoota loltootaa kuma tokkoo fi loltoota wonte'ee fi woraana qabatan kuma soddomii torbaati. Gosa Daanii keessaa loltoonni leenji'an namoota kuma diddamii saddeetii fi dhibba jaha. Gosa Aseerii keessaa loltoonni lolaaf qophaayan namoota kuma afurtamaati. Gosa Roobeelii, ka Gaadiitii fi ka Minaase'ee, Worra Yoordaanosiin gara baya biiftu'uutiin jiran, worri meeshaa lolaa maraanuu fayyadamuu danda'an loltoota kuma dhibbaa fi diddamaa turan. Kunniin maruu Daawitiin worra Israa'elii maraa irratti moosisu'uuf worra lolaan beekkamee fi loltoota lolaan gurra bayan ka onnee guutu'uun gara Keebroonii dhaqan; akkasuma worri Israa'elii ka hafe maruu Daawitiin moosisu'uuf onneen isaanii tokko ture; obboleewwan isaanii waan nyaataatii fi waan dhugan waan isaanii qopheessanii turaniif haga guyyaa sadihii nyaata'aa dhuga'aa Daawitiin woliin turan. Akkasuma waan worri Israa'elii guddisanii gammadaniif worri gosa Yisaakoorii, worri gosa Zaabilooniitii fi worri gosa Niftaalemii ka isaanitti dhiyoo jiran waan nyaatan Daakuu, Muka hurbu'uu, Daraaraa Zabiibii, Harree, Farda, Gaange'ee fi Sanga'atti daadhii woyini'iitii fi dhadhaa ejersaa fe'anii fidan; Horii, Hoolotallee qabatanii dhaqan; kunniin maruu gammachuu banii biyya san keessa jiru maraati. Mootichi Daawiti bulchoota loltoota kumaatii fi bulchoota loltoota dhibbaa woliin mari'ate; Achiin maayessa inni banii Israa'elii maraan, «Yoo isin waan kana maarre jettanii fi yoo fedha Rabbii ta'e gara qachoota namoonni keenna worri gadootaatii fi worri Leewwotaa keessa jiraatanitti namoota erginee akka dhufanii nu woliin wol gayii godhan haa goonuu; Saanduuqa waadaa Rabbii ka bara mootii Saa'olii lash itti jennee dhiifne dhandhee haa finnuu» isaaniin jedhe. Wonti inni jedhe kun waan banii gammachiiseef baniinillee haa ta'uu jedhe. Kanaafuu Daawiti Saanduuqa Waadaa Rabbii Qiriyaatiyi'aarimii gara Yerusaalemii fidu'uuf banii Israa'elii gara kibbaatiin haga daangaa biyya Misirii; gara kaabaatiin haga karaa gara Hamaatii fiduu wolitti qabe. Daawitii fi baniin Israa'elii maruu saanduuqa waadaa Rabbii Waaqa ufii ka konkolaataa fardaa haarawa irra jiru ka maqaa Rabbiitiin waamamu fidu'uuf qachattii Qiriyaatiyi'aarimii Ba'aalaa bulchiinsa Yihuuda'aa keessa jirtu keessaa fuudhu'uuf dhaqan. Saanduuqa waadaa Rabbii mana Aminaadaabiitii baasanii konkolaataa fardaa haarawatti fe'anii Uuzaanii fi Ahiyyo gaarii fardaa oofan. Daawitii fi baniin Israa'elii maruu Masiinqoo, Dibbee, meeshaa sagalee guddaa kennu dhaya'aa, meeshaa shaka shaka jedhu dhaya'aa, xurumbaa afuufa'aa faarfata'aa hunna ufii guutu'uun ulfinna Rabbiitiif jedhanii hawwisan. Hennaa Oobdii Kidoonii bira gayan, sangoonni konkolaataa fardaa harkiftu waan burraaqa'aa turteef Uuzaan saanduuqa waadaa Rabbii qabu'uuf hiixate. Uuzaan waan Saanduuqa waadaa Rabbii tuqeef Rabbi isa qoome; kanaaf Uuzaan achumatti Rabbiin afo'otti du'e. Rabbi waan Uuzaa qoomeef Daawiti gadde; haga adhaa maqaa hulee sanii hulee Uuzaan itti qoomame; «Pered Uzaa» jedhama. Achiin maayessa Daawiti waan guddisee Rabbiin sodaateef, «Eeganaa saanduuqa waadaa Rabbii kana attamiin gara mana kiyyaa fiduu danda'a?» jedhe. Daawiti saanduuqa waadaa Rabbii gara mana ufii fiduu dhiisee gara mana Abidaaraa qachaa Geetii keessa jiraatuu dabarsee fide. Saanduundhi waadaa Rabbii mana Abidaara'aa keessa haga ji'a sadihii taa'e; Rabbi mana Abidaara'aatii fi waan inni qabu maraa eebbise. Mootichi Xiroosii Kiraam akka mana Daawitii ijaaraniif worra muka birbirsaa bocuu fi ogeeyyii muka bocan ergamtoota woliin gara Daawitii erge; Kanaafuu Daawiti akka Rabbi banii Israa'eliitiif jedhee mootummaa isaa jabeesse beeke. Daawiti Yerusaalemiin keessatti haadha manaa heddu fuudhee ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa uumate; Maqaan ijoollee dhiiraa ta Yerusaalemiin keessatti uumate Saamusi, Soobaabi, Naataan, Solomoon, Iyyaabehaari, Eelsuu'ee, Eelfaalaati, Noogaa, Naafeeqi, Yaafiyaa, Eelsaamaa, Eeldaahe'ee fi Eelfaalaatiin fa'a. Worri Filisxeemii akka Daawiti worra Israa'elii maraa irratti mootii ta'ee muudame dhagayan; worri Filisxeemii maruu hennaa waan kana dhagayan Daawitiin qabu'uuf soqaa yaa'an; Daawitillee haga waan kana dhagaye isaaniin lolu'uuf baye. Worri Filisxeemiillee dhaqanii dhooqa Raffaayimii keessatti balaa buusan. Daawiti, «Bayee worra Filisxeemiitiin loluu? ani isaan mooyadhaa?» jedhee Rabbiin gaafate. Rabbillee, «Ee! ani akka ati mooyattu si taasisaa bayii loli!» jedheen. Kanaafuu Daawiti gara Ba'aalfaraasiimii dhaqee achitti worra Filisxeemiitiin lolee haga isaan mooyateen maayessa, «Loltoota diina kiyyaa akka lolaan laga irra gara galuutitti akka isaan irra gara galu Rabbi na gargaare» jedhe; kanaaf maqaa hulee sanii «Ba'aalfaraasiim» jedhanii itti baasan. Worri Filisxeemii uduu dheessan waaqa tolfamaa ufii gatanii lixan. Daawiti akka waaqa tolfamaa isaanii maraa ibiddaan guban ajaje. Worri Filisxeemiillee akkasuma lafa dhooqaa sanitti lolan. Daawiti ammallee deebi'ee Rabbiin gaafate; Rabbi, «Isaan jalaa miliqii gara kolba oda'aatiin isaaniin loli malee isaanitti hin mudhatin; afoo odaa gudda'aatitti yoo shokossaa dhageette Rabbi diintota kee worra Filisxeemii dhawu'uuf waan si afoo bayuuf yoo san bayii loli» jedheen. Daawitillee akkuma Rabbi isa ajaje godhe; biyya Gabaa'ooniitii jalqabee haga biyya Geezeeriititti loltoota worra Filisxeemii dhaye. Gurri Daawitii biyya marattuu dhagayame; Rabbi akka inni worra Yihuudota hin taane birattillee sodaatamu godhe. Daawiti qachaa Yerusaalemiititti manniin ijaarate; saanduuqa waadaa Rabbiitiifillee hulee qopheessee daaseellee ijaare. Achiin maayessa Daawiti Rabbi baraa haga bara baraa akka isa tajaajilanii fi saanduuqa waadaa Rabbiillee akka baadhataniif worri inni filate waan isaan ta'eef, «Saanduuqa waadaa Rabbii worri baadhatu worra Leewwotaa calla'a» jedhe. Kanaaf Daawiti Saanduuqa waadaa Rabbii ka hulee qopheesseef akka fidaniif worra Israa'elii maraa Yerusaalemitti wolitti qabe. Achiin maayessa Daawiti ijoollee Aarooniitii fi worra Leewwotaa wolitti qabe. Ijoollee Qaatii keessaa bulchaan Ur'eel; obboleewwan isaa dhibbaa fi diddama, joollee Meeraarii keessaa bulchaan Asaaya'a; obboleewwan isaa dhibba lamaa fi diddama. Ijoollee Geedsoonii keessaa bulchaan Iyyoo'eel; obboleewwan isaa dhibbaa fi soddoma. Ijoollee Eelsaafaanii keessaa bulchaan Shaamaaya'a; obboleewwan isaa dhibba lama. Ijoollee Keebroonii keessaa bulchaan Eeli'eel, obboleewwan isaa saddeettama. Bulchaan ijoollee Uuzi'eelii Abinaadaab, obboleewwan isaa dhibbaa fi kudha lama. Daawiti Saadooqii gadicha, Abiyaatariin, worra leewwotaa Ur'eeliin, Asaayaa, Iyyoo'eeliin, Shamaayaa, Eeli'eelii fi Aminaadaabiin waamee, «Isin bulchoota abboota leewwotaati Saanduuqa waadaa Rabbii gara hulee isaaf qophaayee akka fiddaniif isinii fi obboleewwan teessanillee woyyoomaa'a! tanaan dura isin biratti argamtanii saanduuqa waadaa Rabbii waan hin baadhanneef akka seera Rabbi Waandhi keenna kenneetitti waan isa hin tajaajilleef Rabbi nuun loleera» isaaniin jedhe. Kanaan maayessa saanduuqa waadaa Rabbii Waaqa Israa'elii fidu'uuf worri gadootaatii fi worri Leewwotaa uf woyyoomsan. Akkuma Rabbi Muusee ajajetti ijoolleen leewwotaa Saanduuqa waadaa Rabbii loosa'aan gurmu'utti baadhatan. Daawiti meeshaa sagalee kennuun, Dibbee, meeshaa shaka shaka jedhuun akka faarfatan, gammadanii laagaa ufii akka ol qabatan, Faarfattoota obboleewwan ufii akka muudaniif bulchoota worra Leewwotaatitti hime. Worri Leewwotaa Eemaanii ilma Iyyu'eelii obboleewwan ufii keessaallee Asaafii ilma Baraakiya'aa, obboleewwan isaanii keessaallee ilma Qiisa'aa Eetaaniin, Isaa woliin obboleewwan isaanii koreen lammeesso'oo Zakkaariyaas, Beeniin, Yaazi'eel, Saamiraamoot, Yihaa'eel, Uuni, Eeliyaabi, Baanaayaasi, Maseyaa, Matitiyaa, Eelfulee, Maqineyaa, worra balbala eegan Obeedi'eedoomii fi Yi'i'eeliin dhaabsisan. Worri faarfattootaa Eemaanii fi Asaaf; Eetaamii fi Baanaayaas meeshaa shaka shaka jedhu fuudhanii laagaa isaa dhageessisan. Zakkaariyaas, Azi'ee, Saamiraamoot, Yihi'eel, Uuni, Eeliyaabi, Ma'iseeyaa, Baanaayaas masiinqo'oon waan dhossa'aa faarfatan. Matitiyaa, Eelfeleehu, Maqineyaa, Obeedi'eedoom, Yi'i'eel, Azaaziyaa kiraara guddicha miseensa saddeetii qabuun faarsa'aa turan. Bulchaan leewwotaa Kinaaniyaan waan faaru'uu irratti muudame; inni ogeessa waan ta'eef laagaa faaru'uu isaan barsiisa. Baraakiyaanii fi Hilqaanaan worra balbala saanduuqa waada'aa eegan turan. Sabaaniyaan gadichi, Iyyoosaafixi, Naatinaa'el, Amaasaayi, Zakkaariyaas, Banaayaas, Alaazaar saanduuqa waadaa Rabbii afo'otti xurumbaa haa afuufani'iif filataman turan. Obeedi'eedoomii fi Yihiyaan, worra balbala saanduuqa waadaa Rabbii eegan turan. Kanaan maayessa Daawiti, manguddoonni biyya Israa'eliitii fi ajajoonni loltuu kumaa saanduuqa waadaa Rabbii gammachu'uun mana Abidaara'aatii fuudhu'uuf dhaqan; worri Leewwotaa ka saanduuqa waadaa Rabbii baadhatan Rabbi isaan gargaarraan sangoota torbaa fi korbeeyyii hoolotaa torba ciincaa godhan. Daawiti, worri Leewwotaa ka saanduuqa waadaa Rabbii baadhatan martuu, worri faarfattootaa, Kanaaniyaan bulchaa faarfattootaallee Efuudii mishaa uffataniiran. Daawitillee uffata qoma irratti uffatan uffateera, Akkasuma worri Israa'elii maruu xurumbaa, boobaa leemmanii afuufa'aa meeshaa shaka shaka jedhu, masiinqoo fi dibbee dhaya'aa saanduuqa waadaa Rabbii fidan. Saanduundhi waadaa Rabbii hennaa qachaa Daawitii gaye mucattiin Saa'olii Meelkool hennaa mootichi Daawiti sirba'aa taphatu foddaa keessaan laaltee argitee isa tuffatte. Saanduuqa waadaa Rabbii qabatanii dhufaniinii daasee Daawiti qopheesseef keessa kaayan; achiin maayessa ciincaa ciincawuu fi ciinaa fayyumma'aallee Rabbii dhiyeessan. Daawiti hennaa ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa dhiyeessee fixe, maqaa Rabbiitiin banii eebbise. Banii Israa'elii dhiiraa fi dubara maraafuu xoroshoo, gumaa foonii tokko tokkoo fi bixilee woyini'ii tokko tokko isaanii kenne. Daawiti akka saanduuqa waadaa Rabbii afo'otti tajaajilan, Rabbii Waaqa Israa'elii jajanii akka isa kabajjanii galatoonfataniifillee worra Leewwotaa keessaa namoota hagoo muude. Asaaf bulchaa isaanii ture; isaan maayessa Zakkaariyaas, I'i'eel, Saamraamooti, Yihi'eel, Matitiyaa, Eliyaabi, Baanaayaas, Obeedi'eedoomii fi Yi'i'eel masiinqo'oo fi Dibbe'een Asaafillee meeshaa shaka shaka jedhuun faarfata'aa turan. Baanaayaasiin gadichinii fi Yahizi'eel saanduuqa waadaa Rabbii afo'otti hennaa maraa xurumbaa afuufa'aa turan. Daawiti Asaafii fi worra Leewwotaa ka hafaniif akka Rabbiif faaruu ulfinnaa dhiyeessan hennaa san muude. Rabbiin galatoonfadhaa'a, Maqaa isaa waamaa'a Maalalee inni hojjate maraa bani'itti himaa'a; Faaruu galataa Rabbiif faarfadhaa'a, maalalee inni godhe maraa himaa'a; Maqaa woyyuu isaatitti gammadaa'a! Namni Rabbiin soqu maruu haa gammaduu! Rabbii fi hunna isaa jabaa hedadhaa'a; Hennaa maraa isa soqaa'a; Rabbi Waaqa keenna, Murtiin isaa adunyaa mara irratti. Waadaa dubbii ufii, abdii ufii kenne haga dhaloota kumaallee yoo ta'e; baraa haga bara baraa hin irraanfatu. Waadaa dubbii ufii ka Abrahaamii gale hin eega, jecha abdi'ii ka Yisaaqii kennellee hin raawwata. Seera Yaaqoobiitii fi Waadaa abdii ufii worra Israa'eliitii baraa haga bara baraa jabeessee dhaabe. Waadaan kunillee, «Biyya Kana'aanii sii kenna, lafti sunillee tee taati» jedha. Hennaan wonti kun ta'e hennaa isaan namoota hagoo ta'anii, biyyaafillee keessummoota ta'anii uduu jiran. Banii tokko irraa gara banii biraa, biyya tokko irraa gara biyya biraatitti jaljal jedhan. Rabbi garuu eennullee akka isaan gad qabu hin barbaanne; isaaniif jedhee mootota teedeffate. «Tajaajiltoota tiyya ta ani filadhe hin tuqinaa'a; Raattota tiyyallee hin miidhinaa'a» jedhee isaan seera. Isin baniin lafa irra jiraattan maruu Rabbiin galatoonfadhaa'a! Oduu fayyinna isaa guyyama guyya'aan himaa'a, Banii jiddu'utti ulfinna isaa beessisaa'a, banii marattuu hujii isaa guddaa odeessaa'a, Rabbi gudda'a, galanni isaallee guddaa waan ta'eef; waaqolee tolfamaa maraa caalaa sodaatamuu barbaachisa; Waandhi biraa ka baniin kuuwwan waaqeffatu waaqolee tolfaman; Rabbi garuu Waaqa samii uume; Naannoo isaa ulfinnaa fi gaachenatu jira; Mana ufii woyyuu keessa akka ulfinninii fi gammachuun guutu godhe. Baniin lafa irra jiraattan maruu! Waan ulfinnaa fi hunna isaatiif Rabbiin galatoonfadhaa'a. Ulfinna maqaa isaatiif ta'u Rabbiif kennaa'a Kennaa qabadha'aa gara mana woyyu'uu seenaa'a gaachena woyyooma Rabbiitiif sagadaa'a; Baniin lafa irraa maruu Rabbiif holladhaa'a! Lafti waan Rabbi jabeessee dhaabeef hin sochootu; Ardi'ii fi samiin gammadaa'a! Baniin maruu, «Rabbi mooti'i» haa jedhuu. Galaanninii fi wonti isa keessaa maruu haa ililfatuu! Maasaanii fi midhaan maasaa irraa maruu haa gammaduu! Rabbi lafa irratti murteessu'uuf waan dhufuuf mukkiin bosona keessa jiran isa afo'otti haa ililfatanii! Waan arjaa ta'eef, jaalalli isaallee baraa haga bara baraa waan ta'eef Rabbiin galatoonfadhaa'a! Rabbiin, «Waaqa fayyisaa keenna! Worra Yihuudota hin taane keessaa gara biyya keennaa nu galchi; hennaa san akka si galatoonfannu; maqaa kee woyyuu akka ulfeeffannu yabo'oo nu oolchi!» jedha'aan; Rabbi Waandhi Israa'elii baraa haga bara baraa haa ulfaatu! Baniin maruu «Amiin» jedhanii Rabbiin galatoonfatan. Mootichi Daawiti worra guyya guyya'aan saanduuqa waadaa Rabbii tajaajilan Asaaf obboleewwan isaatii fi Obeedi'eedoomiinillee obboleewwan ufii jahaatamii saddeettanuu saanduuqa waadaa Rabbii afo'otti isaan dhiise. Obeedi'eedoomii ilma Edootaamiitii fi Hoosaan akka balbala eeganiif achumatti isaan dhiise. Saadooqii gadichaa fi gadoota obboleewwan isaa balbala hulee bulti'ii ka mana woyyu'uu ka gaara Gabaa'oonii ka hulee itti waaqeffatanii bira isaan dhaabsise. Wonti inni waan kana godheef akka seera Rabbi worra Israa'elii kenneetitti hennaa maraa ganamaa fi galgalallee ciincaa ciincawu hulee ciinca'aa irratti akka ciinceessaniif. Dhiifamsi isaa baraa haga bara baraa waan ta'eef akka Rabbiin galatoonfataniif Eemaanii fi Eedootaamiin worri maqaa isaatiin filatamanillee worra hafan isaan woliin dhaabsise. Worri gadootaa xurumba'aa fi meeshaa shaka shaka jedhu laagaa isaa dhageessisu'uuf faaruu Rabbiitiif meeshaa sagalee kennullee harkaa qaban; ijoolleen Eedootaamii worra balbala eegan turan. Achiin maayessa namni maruu gara mana ufii deeme; Daawitillee maatii ufii eebbisu'uuf gara mana ufii deebi'e. Daawiti uduu mana mootummaa ufii keessa taa'eeru guyyaa tokko raatticha Naataaniin nama itti ergee waamsisee, «Ani mana birbirsaan ijaarame keessa jiraata'aara, saanduundhi waadaa Rabbii garuu daasee keessa jiraata!» jedheen. Naataan Daawitiin, «Rabbi waan si woliin jiruuf waan yaadde maraa godhi» jedhee deebiseef. Halkanuma san Rabbi raatticha Naataaniin, «Gara Daawitii garbicha kiyyaa dhaqii mana woyyuu ani keessa jiraadhu ka ijaaru si'ii miti; banii Israa'elii hennaa garbummaa biyya Misirii keessaa baase irraa jalqabee haga adhaa mana keessa jiraadhee hin beeku; hennaa maraa daasee keessa taa'ee hulee tokkoo gara hulee biraa naannaya'aa ture; hulema banii Israa'elii woliin deeme marattuu maaf birbirsaan mana naaf hin ijaarre?» jedhee nama Israa'eliin haa bulchu'uuf jedhee muude keessaa eennuun gaafadhee beeka?› Ammallee Daawitii garbicha kiyyaan, «Rabbi Gooftaan waa maraa danda'u hennaa ati horii tissitu banii kiyya Israa'eliin akka bulchituuf hoolota keessaa si fuudhe; Karaa ati deemtu marattuu ani si woliin ture; diintota tee maraa si afo'oo balleesse; akkuma bulchoonni jajjabaan maqaa mishaa qaban maqaa mishaa sii kenne. Hennaa umuriin kee gayee abboota teetitti eda'amu'uuf taatu, fiixaa kee keessaa siin maayessa nama fiixaa keetii ta'u kenna, mootummaa isaallee hin jabeessa. Inni mana naaf ijaara; siree isaallee baraa haga bara baraa jabeessee dhaaba. Ani abbaa isaa ta'a, Innillee ilma naa ta'a. Nama siin dura ture irraa araara kiyya akka fageesse, araara kiyya isa irraa hin fageessu; banii kiyyaa fi mootummaa kiyya keessa baraa haga bara baraa isa dhaaba; teessoon isaallee bara haga bara baraa jabaatee dhaabata»› jedhe. Akkaataa kanaan raattichi Naataan waan Rabbi isaa ibse maraa Daawititti hime. Kanaan maayessa mootichi Daawiti daasee Rabbi itti waaqeffamu keessa taa'ee, «Yaa Rabbii kiyya; ka asiin na geette ani eennu? maatiin kiyyallee eennu? Rabbi Waaqa kiyya; kun si afo'otti waan diqqa'a; Waandhana; ati waan maatii garbicha keetii bara dheera'aan dura dubbattee akka nama baallii qabuutitti na laalte; Ati garbicha kee waan beettuuf ulfinna ati naa goote irratti ani Daawiti eda'ee wonti jedhu maali'i? Waandhana ati waan guddaa kana maraa isa beessisu'uuf akka fedha keetiititti maalalee kana maraa garbicha keetii goote. Waandhana ka akka keetii hin jiru, akkuma gurraan dhageenne si malee Waandhi hin jiru. Baniin kee Israa'el banii kamiin wolitti bikkama? Ati Rabbi banii kee ka ati garbummaa jalaa baaftee banii kee taasifte malee baniin biraa hin jiraa? banii kee biyya Misirii keessaa baaftee hambifte; hujii kee gugurda'aan, maqaa kee gudda'aa fi beekkamaa goote. Banii Israa'elii baraa haga bara baraa banii kee gootee atillee Waaqa isaanii taate. «Ammallee Rabbi Waaqa kiyya; amma wonti garbicha keetiitii fi abdiin maatii isaa ka dubbatte baraa haga bara baraa ka jabaate haa ta'u; akkuma dubbatte godhi. Rabbi Gooftaan banii maraa inni Waaqa Israa'eliiti; dhugamaan inni Waaqa Israa'eliiti akka jedhamu maqaan kee baraa haga bara baraa jaba'aa fi guddaa haa ta'u; manni garbicha kee ka Daawitii jabaatee waan dhaabateeruuf. Waaqa kiyya! Akka mana isaaf ijaartu garbicha keetitti waan ibsiteef, inni kadhaa kana si kadhachuu ugge. Rabbii kiyya; ati Waaqa dhuga'aati; waan mishaa kana ana garbicha keetitti waan himteef. Kanaafuu baraa haga bara baraa mana garbicha keetii eebbisuun fedha keeti; kanaafuu waan eebbifteef baraa haga bara baraa ka eebbifame ta'a.» Kanaan maayessa Daawiti worra Filisxeemiitiin lolee isaan mooyatee gibira isaan gabbarsiise; qachaa biyya Geetiitii fi gandoota naannoo san jiran maraa isaan jalaa baase. Worra Moo'aabiillee mooyatee akka isaan gibira isa gabbaran godhe. Daawiti bulchiinsa naannoo laga Efraaxisii qabachu'uuf hennaa dhaqe mootii biyya Suuba'aa Adira'aazaariin haga biyya Haamaatiititti isaan mooyate. Daawiti isa irraa konkolaataa fardaa kuma tokko, worra fardaan lolan kuma torba, worra lafa'oo kuma diddama booji'ee faradoo konkolaataa fardaatiif ta'an dhibba tokko callaa dhiisee faradoo kaawwan garuu moorgaya mogole'ee kukkute. Hennaa worri Sooriya'aa biyya Damaasqo'ootii mootii biyya Suuba'aa Adira'aazaariin gargaaru'uuf dhufan Daawiti worra Sooriya'aa keessaa namoota kuma diddamii lama fixe. Achiin maayessa Damaasqoo biyya Sooriya'aa loltoota ufii kaayee worri biyya Sooriya'aa worra Daawitii gabbarsuu gabbaran ta'an; Rabbi hulee Daawiti dhaqa'aa ture marattuu akka inni mooyatu godha ture. Daawiti wontee worqii irraa hojjatame ka hojjattoonni mootii Adira'aazaarii hidhatan booji'ee isaan harkaa fudhatee gara Yerusaalemii fide. Daawiti qachoota Adira'aazaarii Xibihaatii fi Kuuniin keessaa sibiila baay'ee fudhate; haga diqqoo turee Solomoon waan kanniiniin gongaa bisaan itti kuusan ka mana woyyu'uu, utubaawwanii fi meeshaallee sibiila diimaa irraa hojjachiise. Mootichi biyya Haamaatii Too'u loltoonni Daawitii loltoota Adira'aazaarii mootii biyya Suuba'aa maraa akka mooyate dhagaye. Mootichi Too'u mooticha Adira'aazaariin woliin hennaa maraa waan wol lola'aa tureef Daawiti mooticha Adira'aazaariin lolee waan mooyateef nagaya isa gaafatee akka isa eebbisuuf ilma ufii Adooraamiin gara Daawitii erge. Inni meeshaa worqii irraa hojjatame, meeshaa birrii'ii fi sibiila diimaa irraa hojjatame qabatee Daawitiin bira dhaqe. Mootichi Daawiti worra Yihuudota hin taane maraa keessaa, worra biyya Eedoomii keessaa, worra Moo'aabii keessaa waan ijoollee Amoonii, waan worra Filisxeemiitiif birri'ii fi worqii worra Amaaleeqii ka booji'e maraa Rabbiif woyyoomse. Abiisaan ilmi Xuuriya'aallee worra biyya Eedoomii keessaa dhooqa sooqiddaatitti namoota kuma kudha saddeetii fixe; loltoota ufii biyya san keessatti dhiise; worri biyya Eedoomii maruu worra Daawitiif gabbarsuu gabbaru ta'an; Rabbi hulee Daawiti gaye marattuu mootee kenna'aafii ture. Daawiti banii Israa'elii maraa irratti mooyee baniin murtee qajeelaa akka argatu godheef. Ilmi Xuuriya'aa Iyyoo'aabi bulchaa loltootaa ture. Iyyoosaafixi ilmi Ahiluudii nama seenaa barreessu ture. Saadooq ilmi Akixoobiitii fi Abiyaatar ilmi Abemeleekii gadoota turan; Suusaan garuu barreessaa isaanii ka mana mootumma'aa ture. Baanaayaas ilmi Yoodaahe'ee ajajaa worra mana mootumma'aa ka Daawitii eeganiiti; Ijoolleen dhiiraa ta Daawitii mana mootummaa abbaa ufii keessatti ballii guddaa qaban ture. Hennaa hago'oon maayessa mootiin biyya Amoonii Naa'oos hin du'e; bikka isaa ilma isaatitu mooye; Daawiti, «Waan jasaa abbaan isaa naa godhee anillee ilma Naa'oosii Haanooniif jasaa oolaaf» jedhe; kanaaf Daawiti waan abbaan isaa Naa'oos du'eef akka isa jajjabeessaniif dhaamsa erge. Garboonni Daawitii Haanooniin jajjabeessu'uuf gara biyya Amoonii dhaqan; Bulchoonni biyya Amoonii garuu, «Waan Daawiti abbee kabajju'uuf jedhee akka si jajjabeessaniif namoota sitti erge seetaa? Sirima sitti hin fakkaatin! Namoonni dhufan kunniin biyya qoru'uuf, balleessu'uuf, gaadu'uuf gara kee dhufanii mitii?» jedhaniin. Kanaaf Haanoon namoota Daawiti isatti erge sanniin fuudhee areeda isaanii irraa haachisiisee, uffata isaaniillee haga mudhi'iititti isaan irratti biinxee isaan geegesse. Worri oduu odeessan dhaqanii waan namoota kanniin irra gaye Daawititti himan; Daawiti, «Namoonni waan guddisanii saalfataniif haga areenni isaanii isaaniif guddatutti biyya Iyyaariko'oo keessa taa'aatii achiin maayessa galaa'a» isaaniin jedhe. Worri Amoonii akka ufumaa Daawitiin uf irratti diina godhan hubatan; kanaaf birrii saqilii kuma soddomii afurii kaffalaniifii gaarii fardaa, worra fardaan lolu, Mesophotaamiyaa gubba'aatii fi worra bulchiinsa Sooriya'aa jala jiran Maa'ika'aa fi Suubaa irraa kireeffatan. Gaariin fardaa ka isaan kireeffatan kuma soddomii lamaatii fi loltoonni mootii Maa'ika'aa dhaqanii raasaa Meediba'aa biratti quphatan. Worri Amoonii qachoota ufii keessaa Yaa'anii lolaaf qophaayan. Daawitillee haga waan kana dhagaye Iyyoo'aabii fi loltoota ufii jajjabaa erge. Worri Amoonii yaa'anii balbala qachatti'iititti hiriiran; mootonni dhufanillee hojjuma ufiititti raasaa keessatti quphatan. Iyyoo'aab hennaa duubaa fi afo'oon akka lolli isa marse arge, worra Israa'elii keessaa namoota filatame fooyee worra Sooriya'aatitti duulchise. Worra hafe garuu Abiisaa obboleessa ufiitii kenne, isaanillee worra Amooniititti duulan. Inni, «Worri biyya Sooriya'aa na hucuucee na gargaari, anillee yoo worri Amoonii si hucuuce si gargaaraa; Eeganaa jabaadhu! Waan qachoota fi waan banii keennaa Rabbi waan fedhe haa godhuu» jedheen. Iyyo'aabii fi baniin isa woliin jiru lolaaf gara worra Sooriya'aa dhaqan; isaan garuu isaan jalaa dheessan. Worri Amoonii akka worri Sooriya'aa dheesse argan, isaanillee obboleessa ufii Abiisaa jalaa dheessanii gara qacha'aa galan; Iyyoo'aabillee gara Yerusaalemii deebi'e. Worri Sooriya'aa hennaa akka worra Israa'eliitiin mooyataman argan namoota erganii worra Sooriya'aa ka laga agama jiran fijjisiisan; bulchaan loltoota Adira'aazaarii Shoofaaki isaan afoo ture. Daawiti haga waan kana dhagaye worra Israa'elii maraa wolitti qabee laga Yoordaanosii ceeyee dhaqee isaaniin lole; hennaa Daawiti isaanitti duulu isaanillee isaaniin lolan. Worri Sooriya'aa worra Israa'elii jalaa dheessan; Daawiti worra Sooriya'aa jalaa worra gaarii fardaatiin lolu kuma torba, worra lafo'oo garuu kuma afurtamaa fi bulchaa loltoota isaanii Shoofaakiinillee hin ajjeese. Hojjattoonni Adira'aazaarii haga akka worra Israa'elii afo'otti mooyataman argan Daawitiin wolitti araaramanii gabbaraniin. Achiin maayessa worri Sooriya'aa worra Amoonii gargaaruu didan. Bara itti aanu jalqaba wogga'aatitti hennaa mootonni lolaaf hiriiranii bayan Iyyoo'aabi loltoota ufii yaasee biyya Amoonii balleessee dhaqee qachaa Raabaatii marse; yoo san Daawiti Yerusaalemiin keessa ture; Iyyoo'aabi lolee Raabaatiin dhayee balleesse Daawiti gulloo ulfinnaa ka mootii isaanii harkaa fudhatee mata'atti godhate; gulloon sun kiilogiraamii soddomii afurii ulfaata; waan gatii gudda'aa ka worqii caalutu keessa jira; gulloo san fuudhanii Daawitiin irra kaayan; inni boojuu guddaa qachaa san keessaa fudhate. Banii qachaa sanii maraa huji'iif yaasee Magaazi'iin, qottoo lafaan qotan dhagara'aan akka waa hojjatan godhe; Daawiti qachoota worra Amoonii maraa keessattuu akkasuma godhe, baniin maruu gara Yerusaalemii deebi'an. Kanaan maayessa Geeziritti worra Filisxeemii woliin wol lolan, Seebakaayiin worra Kusa'aa Siifaa gosa Raaffaayimii ajjeese. Akkasuma worra Filisxeemii woliinillee wol lolanii Eeliyaanaan ilma Yaa'irii ka woraanni eboo isaa akka ulee jirbii itti maranii, nama Geetii Laamehiin obboleessa Goliyaadii ajjeese. Akkasuma biyya Geetii irrattillee woraanni ta'ee achi keessa nama harkaa fi luka isaa irra caaccuu jaha jaha, wolumatti qaba'atti nama dheeraa qubbiin diddamii afurii qabutu jira; Innillee nama gosa Raaffaayimii keessaa dhalate. Inni hennaa banii Israa'elii hucuuce ilmi Saama'aa obboleessi Daawitii Yoonaataan isa ajjeese. Isaan biyya Geetii keessatti gosa Raaffaayimii keessaa dhalatan; sadiinuu harkuma Daawitiitii fi ka loltoota isaa irratti dhuman. Seexanni banii Israa'eliititti ka'ee akka Daawiti banii laakkayu godhe; Daawiti Iyyoo'aabii fi bulchoota bani'ii «Beersaabeehii jalqaba'aatii haga Daaniititti dhaqa'aa banii laakkayaa'a baniin hagamii biyya Israa'elii keessa akka jiru beekuu barbaadaa» isaaniin jedhe. Iyyoo'aabi Daawitiin, «Rabbi banii amma jiru kana irratti dachaa dhibbaa haa eda'u; Mootii! Gooftaa kiyya; isaan maruu hojjattoota kee ka gooftaa kiyyaatii mitii? gooftaan kiyya waan kana maaf barbaada? banii Israa'elii irratti maaf badii kana fida?» jedheen. Mootichi garuu Iyyoo'aabiin akka inni ajaja isaa raawwatu giddisiifnaan banii laakkayu'uuf bayee biyya maraa irra naannayee gara Yerusaalemii deebi'e. Iyyoo'aabi banii laakkayee baniin sun hagam akka ta'e Daawititti hime. Isaanillee worra Israa'elii keessaa banii miliyoonii tokkooti fi banii kuma dhibba tokkoo yoo ta'an banii biyya Yihuuda'aa keessaa ammo banii kuma dhibba afuriitii fi kuma torbaatamaa worra guraade'een loluu danda'an argate. Iyyoo'aabi ajanyi mootichaa waan itti toluu dideef Leewwotaa fi gosa Biiniyaamii hin laakkofne. Sababaa kanaaf Rabbi lolee worra Israa'elii balaa itti buuse. Daawiti Rabbiin, «Ani waan kana godhuu kiyyaan guddisee yakkeera; waan hojjachuun naaf hin malle hojjadheeraa yabo'oo naa araarami» jedhee kadhate. Hennaa san Rabbi raatticha Daawitii Gaadiin «Daawitiin bira dhaqii waan sadihii keessaa tokko akka filattu sii kenneeraa ani waan ati filatte raawwadha› jedhii itti himi» jedheen. Raattichi Gaadi gara Daawitii dhaqee «Waan sadihii keessaa tokko filadhu siin jedha» jedheen. «Beela woggaa sadihii, haga ji'a sadihii diina keetiin ari'amuu, yookaan guyyaa sadihiif Rabbi guraade'een si dhayu'uuf balaa buusee maleekkaa ergee banii Israa'elii maraa ajjeesee ka balleessu keessaa ati kam filatta? kanaaf waan ani Rabbitti himu natti himi» jedheen. Daawiti Gaadii raattichaan, «Ani guddisee muddameeraa; araarri isaa waan guddaa ta'eef harka namaa irratti kufu'uu mannaa harka Rabbii irratti kufuu naa woyya» jedhee deebiseef. Kanaaf Rabbi banii Israa'elii irratti waan badaa akka dhibe'ee namatti lufee nama fixu isaanitti ergee banii Israa'elii keessaa kuma torbaatamaa fixe. Ammallee Rabbi Yerusaalemiin balleessu'uuf maleekkaa ergee ture; garuu hennaa inni Yerusaalemiin balleessuu jalqabu balaan banii irra gaya'aaru Rabbiin gaddisiisee maleekka'aan «Balaan haga amma isaan irra gaye hin gayaa dhaabi» jedheen; hennaa san maleekkichi oobdii Oornaa nama gosa Iyyaabusii bira dhaabateera. Daawiti ol jedhee yoo laalu maleekkaan Rabbii ardi'ii fi samii jidduu dhaabatee ka guraadee luqqifatee gara Yerusaalemii hiixateeru arge; Daawitii fi manguddoonni biyyaa uffata gaddaa uffatanii gad jedhanii sagadan. Daawiti Rabbiin, «Ka akka baniin laakkayamu taasise anaa mitii? ka yakkee fi ka waan hamaa hojjate anaa hoolonni tunniin garuu maal goote? Yaa Rabbi Waaqa kiyya! harki kee anaa fi mana abbaa kiyyaa irra haa ta'u; baniin kun akka bala'aan dhayamu hin godhin» jedheen. Maleekkaan Rabbii akka Daawiti bayee oobdii Oornaan nama gosa Iyyaabusiititti hulee ciinca'aa Rabbii akka hojjatu akka isatti himuuf Gaadii raatticha ajaje. Daawiti akkuma Gaadi raattichi isatti hime ajaja Rabbii raawwatu'uuf deeme. Oornaan uf duuba midhatee yoo laalu maleekkaa arge; ijoolleen isaa ta isa woliin jirtu arfan hin dhokatan; hennaa san Oornaan qamadii dhayee qilleensaa kenna'aara. Daawiti hennaa gara Oorna'aa dhaqu, Oornaa midhatee Daawitiin argee Oobdii keessaa bayee Daawitiin nagaya gaafachu'uuf gad jedhe. Daawiti Oorna'aan, «Oobdii kana hulee ciinca'aa Rabbiif itti ijaaraa natti gurguri; dhibeen namatti lufee nama fixu kun maruu hin dhaabataa» jedheen. Oornaan Daawitiin, «Fudhadhu! ati mootichi kiyya waan feete irratti hojjadhu; ciincaa ciincawuuf sangoota, qoraan ittiin ciincaa dhiyeessaniifillee muka midhaaniin dhayan, kennaa midhaaniitiifillee qamadii sii kennaa» jedheen. Mootichi Daawiti Oorna'aan, «Hin ta'u; waan kee ka ati qabdu maraa duwwamatti si irraa fuudhee Rabbiif ciincaa waan hin dhiyeessineef gatima guutu'uun si irraa bita» jedhee deebiseef. Daawiti Oobdii saniif saqilii dhibba jahaa ka worqii irraa hojjatame kenneef; Daawiti achitti hulee ciinca'aa Rabbiif hojjatee ciincaa ciincawuu fi ciincaa waan tokkumma'aatiif dhiyaatu Rabbiif dhiyeesse; hennaa inni kadhate Rabbi ibidda ciincaa hulee ciinca'aa irra jiru gubu sami'ii ergee kadhaa isaatiif deebii kenneef. Rabbi maleekkaa ufii ajanyaan innillee guraadee ufii qolatti gad deebifte. Hennaa san Daawiti oobdii Oornaa nama gosa Iyyaabusiititti akka kadhaa isaa Rabbi dhagaye haga beeke achitti ciincaa ciinceesse. Daaseen Rabbiin itti waaqeffatanii fi huleen ciinca'aa ka ciincaa itti dhiyeessan ka Muuseen hojjate hennaa san hulee ciincaa itti dhiyeessan ka biyya Gabaa'oonii keessaa jira. Daawiti garuu guraadee maleekkaa Rabbii waan sodaateef achi dhaqee Rabbiin gaafachuu hin dandeenne. Daawiti, «Manni woyyuun Rabbiitii fi huleen ciinca'aa ka baniin Israa'elii ciincaa ciincawu irratti dhiyeessu hulee kana jiraatuu barbaachisa» jedhe. Mootichi Daawiti worra biyya Israa'eliititti galee keessa jiraatu maraa wolitti qabee huji'itti isaan bobbaase; isaan keessaa namoota garii worra dhagaa mana woyyu'uun ijaaran bocu ramade. Daawiti mismaari'ii fi sibiila loosaa balbala dallawa mana woyyu'uutii fi sibiila baay'ee ka manni woyyuun ittiin ijaaramu, akkasuma sibiila diimaa guddisee ulfaatu qopheesse. Worri Siidoona'aatii fi worri Xiroosii waan muka birbirsaa baay'ee gara Daawitii fida'aa turaniif muka birbirsaa baay'ee ijaarsa mana woyyu'uutiif qopheesse. Daawiti, «Manni woyyuun Rabbii ka ilmi kiyya Solomoon ijaaru ka guddisee bareedee fi ka gurra dhagayate ta'uu barbaachisa; garuu inni waan mucaa diqqaa ta'ee fi ka beekkumsaanillee hin guddanne waan ta'eef ani waan maraa hin qopheessaaf» jedhee yaade. Kanaafuu Daawiti uduu hin duuneen duratti meeshaa manni woyyuun Rabbii ittiin ijaaramu maraa qopheesse. Daawiti ilma ufii Solomooniin waamee Rabbii Waaqa banii Israa'eliitiif mana woyyuu akka ijaaru ajaje. Daawiti Solomooniin «Ilma kiyya; ani mana woyyuu Rabbiif ijaaru'uuf garaa kiyya keessatti yaadee ture; Garuu Rabbi, ‹Ati dhiiga nama baay'e'ee waan jissiteef, hennaa baay'ee loltee dhiiga nama baay'e'ee waan jissiteef maqaa kiyyaaf mana naa hin ijaartu› naan jedheera; garuu nama nagayaatitu sii dhalata ani diintota naannoo isaa jiru maraa irraa hara isa baafachiisa; maqaan isaa Solomoon jedhama bara mootummaa ufiititti banii Israa'eliitiif nagaya kenna. Inni maqaa kiyyaaf mana woyyuu ijaara; ilmallee naa ta'a; anillee abbaa isaa ta'a; barri mootummaa isaa banii Israa'elii irratti baraa haga bara baraa jabaatee dhaabata» naan jedhe. Daawiti ammallee, «Ati ilma kiyya Rabbi si woliin haa ta'u; akkuma waan kee dubbatetti sii haa raawwatu mana woyyuu Rabbii Waaqa keetii ijaari; Ati akka seeraa fi ajaja Rabbii eeddu Rabbi hubanna'aa fi ogummaa sii haa kennu; Israa'eliin irrattillee si haa leenjisu. Waan Rabbi waan Israa'eliitiif Muusee ajaje seeraa fi murtii qajeelaa akka murteessitu yoo uf eeggatte hennaa san wonti maruu sii ta'a; jabaadhu, kutadhu, abdii hin kutin, hin sodaatinille'e. Ani kunoo gara kiyyaan worqii toonii kuma sadihiitii fi dhibba afuriitii fi saqilii toonii kuma soddomii afuriitii olii wolitti sii qabeera; sibiila diima'aa fi sibiila adda addaa sii qopheesseera, mukaa fi dhagaallee sii qopheesseeraa ka hafe ati itti eda'i. Ati hojjattoota baay'ee worra mukaa fi dhagaa baqassuu fi worra ogeeyyii muka bocanii midhaassan maraa hin qabda. Birriinii fi worqiin sibiilli diimaanii fi sibiillan adda addaa hagaa oli; kanaafuu ka'ii hojjadhu Rabbillee si woliin haa ta'u» jedheen. Daawiti akka ilma isaa Solomooniin gargaaraniif bulchoota Israa'elii maraa, «Rabbi Waandhi keessan isin woliin hin jiruu? Worra lafa irra jiraatan maraa Rabbi dabarsee naaf kenneera; lafa tana Rabbii fi baniin waan bulcha'aaraniif naannoo marattuu Rabbi hara isin baafachiiseera. Ammallee isin Rabbii Waaqa keessan barbaada'aa onnee teessanii fi lubbuu teessan maraanuu Rabbiin tajaajilaa'a, saanduuqa waada'aa ka Rabbii Waaqa keessaniitii fi meeshaa woyyuu tajaajila mana woyyuu keessatti tajaajilaniin maraa fiddanii akka isa keessa keettaniif mana woyyuu ulfinna Rabbiitiif ijaaraa'a» jedhee isaan ajaje. Daawiti hennaa jaare ilma ufii Solomooniin Israa'eliin irratti moosise. Daawiti bulchoota Israa'elii, gadootaa fi worra Leewwotaa maraa wolitti qabe. Dhiira worra Leewwotaa ka umuriin isaanii soddomaa fi ka achii olii maraa laakkayee wolumaa galatti laakkobsi isaanii kuma soddomii saddeetii ta'e; Kanniin keessaa worri hujii mana woyyu'uu hojjachiisan namoota kuma diddamii afuriiti; namoonni kuma jahaa garuu worra bulchuu fi worra murtii kennu turan; namoonni kuma afurii worra balbala mana woyyu'uu eegan turan; namoonni kuma afurii garuu meeshaa faaru'uu ka mootichi isaanii kennuun faaru'uun Rabbiin galatoonfatan. Daawiti worra Leewwotaa akkaataa gosa isaaniitiin bakka sadihitti isaan qoode; isaanillee Geedsoon, Qaatii fi Meraariin fa'a. Worra gosa Geedsoonii keessaa La'aada'aa fi Saami'iin fa'a. La'aadaan ijoollee dhiiraa Yihi'eel, Zeetoomii fi Eyyoo'eeliin uumate. Saami'i ijoollee dhiiraa sadihii ta Shaaloomiti, Hazi'eelii fi Haaraan jedhaman qaba; kunniin maruu bulchoota gosa La'aada'aati. Saami'i ijoollee afur qaba; isaan I'iiti, Ziizaa, Ye'uusii fi Bari'aa fa'a. Bulchaan isaanii ka jalqabaa I'iiti; lammeessoon Ziiza'a; Ye'uusii fi Bari'aan garuu ijoollee baay'ee qaban ture; kanaaf isaan akkuma gosa tokkootitti laakkayaman. Qaati ijoollee dhiiraa afur qaba; isaan Yis'aar, Keebroon, Uzaa'elii fi Imbaraamiin fa'a. Ijoolleen Imbaraamii Aaroonii fi Muuse'e; Aaroon kaawwan maraa caalaa woyyuu ta'u'uuf fooyame; inninii fi ijoolleen isaa baraa haga bara baraa seera Waaqa waaqeffachu'uu irratti hixaana akka aarsanii fi akka Rabbiin tajaajilan, maqaa isaatiinillee banii eebbisu'uuf fooyaman. Ijoolleen Muusee nama Rabbii gosa Leewwotaa woliin laakkayaman. Ijoolleen Muuse'ee Geersaamii fi El'eezeriin fa'a. Bulchaan ijoollee Geersaamii Subaa'el. Bulchaan ijoollee El'eezerii Raabiya'a; Bulchaan ijoollee Yisaarii Shaaloomeeti. Bulchaan jalqabaa ka ijoollee Keebroonii Yiriya'a; lammeessoon Amaariya'a, sadeessoon Hizi'eel, Arfeessoon Yiqimaamiin fa'a. Bulchaan ijoollee Uuzi'eelii ka duraa Miikka'a; ka lammeesso'oo Yishiyaa fa'a turan. Ijoolleen Meeraarii Mohoolii fi Muusi'i; ijoolleen Mohooli'ii El'eezerii fi Qiisiin fa'a; El'eezer ijoollee intalaa malee uduu dhiira hin uumanne du'e; ijoolleen isaa ta intalaa ijoollee eessuma ufii ijoollee Qiisiititti heerumte. Ijoolleen Muusi'ii Mohooli, Edeerii fi Iyyaarimuutiin fa'a. Eeganaa worri akkaataa gosaa fi fiixaa isaaniitiin himaman kunniin fiixaa gosa Leewwi'ii yoo ta'aan, marti isaaniituu maqama maqaa isaaniitiin himamaniiran; fiixaan gosa Leewwi'ii ka umuriin isaa diddamaatii fi ka achii olii maruu hujii mana woyyu'uu keessatti hojjatamu keessatti gayee guddaa qaban ture; Daawiti, «Rabbi Waandhi Israa'elii kanaa olillee inninuu Yerusaalemiin keessa baraa haga bara baraa jiraata; Ammaa achi worri Leewwotaa daasee Rabbi keessatti waaqeffamuu fi meeshaa ittiin tajaajilan maraa hin baadhatan» jedhe. Ajaja Daawiti kenne ka dhumaa irratti worra Leewwotaa ka woggaa diddamaatii fi ka achii olii maraa galmeessan. Hujiin isaanii mana woyyuu keessaa fi hulee itti gad bayanitti tajaajiluu, meeshaa woyyuu maraa qulqulleessuu, tajaajila mana woyyuu Rabbii keessaa maraa hojjachu'uuf isaan maruu ijoollee Aaroonii jala jiran. Xorosho'oo fi daakuu kennaa ta'ee Rabbiif dhiyaatu, bixilee raacitii malee hojjatamuu fi daakuu dhadhaa ejersaatiin sukkuuman tooyattoota yoo ta'an, kennaa mana woyyu'uuf dhiyaatu maraa isaantu madaalee bikkee fuudha ture. Hujiin isaanii ganama ganamaa fi galgala galgala dhaabatanii Rabbiin galatoonfata'aa ulfeeffatuu'u; Sambata maraa fi jalqaba ji'aa maraa, hennaa ayyaanaa maraa akkuma seeraatitti ciincaa hennaa maraa Rabbiif dhiyaatu maraa dhiyeessu'uu fi tajaajila daasee mana woyyuu keessaa ka Rabbiin itti waaqeffatan kunuunsuu fa'a; akkasuma seera waaqeffanna'aa ka mana woyyuu keessatti raawwatamu keessatti gadoota fiixaa Aaroonii ka fira isaanii gargaara'aa turan. Ijoolleen Aaroonii Naadaabi, Abiyuudi, El'eezerii fi Itaamiriin fa'a. Naadaabii fi Abiyuudi uduu hin uumanne abbaa ufii dura du'an; kanaafuu obboleewwan isaanii El'eezerii fi Itaamiri gadoota ta'an; Daawiti ijoollee El'eezerii Saadooqii fi ijoollee Itaamirii Abemelekiin woliin akkaatama seera tajaajila isaaniitiin isaan ramade. Bulchoonni ijoollee El'eezerii bulchoota ijoollee Itaamirii hin caalan; akkaataan isaan itti ramadamanillee bulchoonni maatii ijoollee El'eezerii kudha jaha, bulchoonni maatii ijoollee Itaamirii garuu akka saddeet ta'u murteessanii ramadan. Ijoollee El'eezeriitii fi ijoollee Itaamirii keessaa worri mana woyyuu Rabbii keessa tajaajilan waan jiraniif akkanatti akka hixa'aan tajaajilaniif qooda isaanii kennan. Dursanii hixaa kaasu'uuf fiixaan El'eezeriitii fi fixaan Itaamirii kore koree seenan; Kanaan maayessa Shaamaa'ii ilma Naatinaa'elii gosa Leewwotaatitu isaan galmeessa'aa ture; mootichinii fi bulchoonni biyyaa ka baallii qaban goshoonni mootichaa Saadooqiin gadichinii fi Abemelek ilmi Abiyaatarii akkasuma bulchoonni maatii gadootaatii fi maatii Leewwotaa maruu worra raga'aa turan. Hixaan jalqabaa Iyyoo'ariibiif, hixaan lammeesso'oo Yoodaahe'eef, Hixaan sadeesso'oo Kaarimiif, hixaan arfeesso'oo Si'ooriimiif Hixaan shaneesso'oo Malkiya'aaf, hixaan jaheesso'oo Miyaaminiif baye. Hixaan torbeesso'oo Aqoosiif, hixaan saddeetesso'oo Abiya'aaf, Hixaan salgeesso'oo Iyyaasu'uuf, hixaan kudhaneesso'oo Sekeniya'aaf, Hixaan kudha tokkeesso'oo Eeliyaaseebiif, hixaan kudha lammeesso'oo Yaaqiimiif, hixaan kudha sadeesso'oo Ooppa'aaf, hixaan kudha arfeesso'oo Shebaabiif, hixaan kudha shaneesso'oo Bilga'aaf, hixaan kudha jaheesso'oo Emeeriif, hixaan kudha torbeesso'oo Eeziriif, hixaan kudha saddeetesso'oo Hafixeexiif, hixaan kudha salgeesso'oo Fattaaya'aaf, hixaan diddameesso'oo Ezelqeeliif, hixaan diddamii tokkeesso'oo Yaakiiniif, hixaan diddamii lammeesso'oo Gaamu'eeliif, Hixaan diddamii sadeesso'oo Dilaya'aaf, hixaan diddamii arfeesso'oo Maaziya'aaf baye. Akkuma Rabbi Waandhi isaanii isaan ajajetti akkuma seera Aaroon abbaan isaanii isaanii kenneetitti seerri gara mana woyyuu Rabbii tajaajilu'uuf ittiin seenanii kana. Ijoollee Leewwotaa keessaa worri hafan ijoollee Imbaaraamii keessaa Subaa'el, ijoollee Subaa'elii keessaa Yehidiya'a, Ijoollee Keebroonii keessaa bulchaan jalqabaa Yiriya'a; bulchaan lammeesso'oo Amaariya'a, bulchaan sadeesso'oo Hizi'eel, bulchaan arfeesso'oo Yiqaami'aam. Mikkaan ilma Uuzi'eeliiti; Shaamiri ilma Mikka'aati. Obboleessi Mikka'aa Yishiya'a; ijoollee Yishiya'aa keessaa Zakkaariyaas; ijoolleen Meeraarii Mohoolii fi Muusi ilmi Yaaziya'aa Baanoo, Ijoolleen Meeraarii Yaaziyaa, Baanoo, Shoohaam, Zakkuurii fi Ebiri. Mohooli El'eezeriin uumate, El'eezer garuu ilma hin qabu ture. Yirmi'eel ilma Qiisiiti; Ijoolleen Muusii Mohooli, Edaarii fi Iyyaarimuuti. Kunniin maruu maatii fiixaa Leewwotaa turan. Kunniinillee mooticha Daawitiin, Saadooqiin Abeemelekiin, worra Leewwotaatii fi bulchoota abboota gadootaa afo'otti guddaanillee akka nama diqqa'aatitti, akkuma ijoollee Aaroonii obboleessa ufiititti hixaa buufatan. Mootichi Daawitii fi bulchoonni Leewwotaa Asaaf, Eemaanii fi ijoollee Yidutu'uu, faaruu Hafuurri Woyyuun isaanii kenne masiinqo'oon, meeshaa sagalee guddaa dhageessisuun, meeshaa shaka shaka jedhuun isaan marsanii akka faarfataniif isaan fooyan; maqaan worra tajaajila kana tajaajilanii Ijoollee Asaafii keessaa Zaakuur, Yooseef, Nataaniyaa, Ashar'el; ijoolleen Asaafii kunniin worra nama ajaja mootichaatiin raaga dubbate Asaafiin jala jiru, Gosa Edootaamii keessaa ijoolleen Edootaamii Godoliyaas, Xirii, Yeshaayaa, Saame'i, Hashabiya'aa fi Matitiya'a; jahan kunniin worra abbaa ufii ka ajaja mootichaatiin raaga dubbate jalatti masiinqo'oon galataa fi ulfinna Rabbiif dhiyeessan. Ijoollee Eemaanii keessaa Buqiyaa, Mataaniyaa, Azaar'eel, Iyyaarimuut, Hanaaniyaa, Hanaani, Eelyaataa, Gidooti, Roomaanti'eezar, Yooshbiqaashaa, Malooti, Hutiirii fi Mahaazootiin fa'a; Kunniin maruu worra xurumbaa guddisanii haa afuufani'iif filataman; ijoollee Eemaanii ka akka jecha Rabbiitiin mootichaa raaguuti; Rabbi Eemaaniif ijoollee dhiiraa kudha afurii fi ijoollee intalaa sadihi kenneef. Kunniin maruu worra mana Rabbii keessatti meeshaa shaka shaka jedhuun, meeshaa laagaa guddaa dhageessisuun akka faarfataniif mana woyyuu Rabbii keessattillee abbaa ufii Asaafiin jalatti tajaajila'aa turan; Asaaf Edootaamii fi Eemaan ajaja mootichaa jalatti bulan. Ogeeyyiin isaanii obboleewwan isaanii woliin worri Rabbiin tajaajilu'uuf beekkumsa qaban wolumaa galatti namoota dhibba lamaa fi saddeettamii saddeet. Gayee hujii isaanii isaanii kennu'uuf jaarsa ta'ee'e ka'ima, barsiisaa ta'ee'e barataa, nama kamiinuu uduu wol hin caalchine hixaa buusa'aa turan. Hixaan jalqabaa Yooseefii gosa Asaafiitiif. hixaan lammeesso'oo Godoliyaasiif; inni obboleewwan woliin namoota kudha lama. Hixaan sadeesso'oo Zakuurii fi obboleewwan isaatiif baye; maatiin isaaniillee kudha lama. Hixaan arfeesso'oo ijoollee Yixiriitii fi obboleewwan isaaniitii baye; maatiin isaanillee wolumatti qabaa namoota kudha lama. Hixaan shaneesso'oo Naataaniya'aa fi obboleewwan isaanii kudha lamaanii baye. Hixaan jaheesso'oo Buqiya'aa, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye. Hixaan torbeesso'oo Yishiri'eeliif, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye. Hixaan saddeetesso'oo Yeshayaa, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye. Hixaan salgeesso'oo Maataaniyaa, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaanii kudha lamaaniif baye. Hixaan kudhaneesso'oo Saame'i, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye. Hixaan kudha tokkeesso'oo Azaari'eel, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye. Hixaan kudha lammeesso'oo Hashaabiyaa, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye. Hixaan kudha sadeesso'oo Subaa'el, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye. Hixaan kudha arfeesso'oo Maatiyaa, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye. Hixaan kudha shaneesso'oo Iyyaarimuut, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye. Hixaan kudha jaheesso'oo Hanaaniyaa, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye. Hixaan kudha torbeesso'oo Yooshbiqaashaa, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye. Hixaan kudha saddeetesso'oo Hanaanii, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye. Hixaan kudha salgeesso'oo Malootii, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye. Hixaan diddameesso'oo Eeliyaataa, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye. Hixaan diddamii tokkeesso'oo Hotirii, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye. Hixaan diddamii lammeesso'oo Gidooliiti, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye. Hixaan diddamii sadeesso'oo Mahaaziyootii, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye. Hixaan diddamii arfeesso'oo Roomaanti'eezarii, ijoollee isaatii fi obboleewwan isaa kudha lamaaniif baye. Worri Leewwotaallee ka mana woyyuu Rabbii eegan worra gosa Qore'ee maatii Asaafii keessaa Meesulaamii ilma Qore'eeti. Meesulaam ijoollee dhiiraa torba qaba ture; ilmi isaa hangaftichi Zakkaariyaas, ka lammeesso'oo Yidi'eel, ka sadeesso'oo Yoozaabaati, ka arfeesso'oo Yatini'eeli, ka shaneesso'oo Eelaami, ka jaheesso'oo Yoohaanaan, ka torbeesso'oo Eelhoo'eenaayi. Obeedi'eedi Rabbi waan isa eebbiseef ijoollee dhiiraa saddeeti qaba ture; hangaftichi Shamaaya'a, ka lammeesso'oo Yoozaabaati, ka sadeesso'oo Iyyoo'aas, ka arfeesso'oo Saakar, ka shaneesso'oo Naatinaa'el Ka jaheesso'oo Ami'eel, ka torbeesso'oo Yisaakoorii fi ka saddeetesso'oo Piilaati. Shamaayaan ilmi isaallee ijoollee dhiiraa uumate; isaan waan mana abbaa ufii keessatti leenji'aniif worra jajjaba'aa fi janna turan. Isaanillee Ootnii, Raafaa'eli, Oobeedi, Eelzaabaadi, Eelihu'uu fi Samakayaa fa'a. Kunniin maruu ijoollee Oobeedi'eedoomii turan; isaanii fi maatiin isaanii, firtoonni isaaniillee hujii hojjachu'uuf jajjabeenna qaban ture; ijoolleen Oobeedi'eedoomiitii fi ilmaan ilmaan isaa wolumatti qabaa namoota jahaatamii lama turan. Meesulaami ijoollee kudha saddeetii jajjabootaa fi worra hujii hojjachuu danda'an qaba ture. Ijoollee Meeraarii keessaa Hoosaan ijoollee afur qaba; ijoolleen isaa yoma hangafallee hin taane namni abbaan isaa bulchaa taasise Shimiri. Ka lammeesso'oo Keliqiyaas; ka sadeesso'oo Xibaaliya'a; ka arfeesso'oo Zakkaariyaasiin ture; ijoolleen Hoosa'aatii fi obboleewwan isaa worri mana woyyuu eegan wolumatti qabaa namoota kudha sadihi. Bulchoonni waardiyyoota mana woyyuu Rabbii eeganii worri taaba san akka mana woyyuu eeganiif ramadaman akkuma maatii gosa isaaniitiin hangafa irraa haga quxisu'uutitti hixaa wolii buusan. Gara baya biiftu'uutiin haa eegani'iif hixaan Selemiya'aaf baye; ilma ogeessaa fi qaroo Zakkaariyaasiifillee hixaa buusanii balbala gara kaabaa akka eeguuf hixaan isaa baye. Obeedi'eedoomii hixaan gara kibbaatiin isaa baye; ijoollee isaatiif garuu meeshaa mana keessaa haa eegani'iif hixaan bayeef. Safiinii fi Hoosa'aa balbala Shekeleetii gara goobaatiin jiru waardiyyootuma mana woyyuu marsanii eegan akka eeganiif hixaan bayeef. Gara baya biiftu'uutiin Leewwota jahatu jira; gara kaabaatiin guyyama guyya'aan namoota afur, gara kibbaatiin guyyama guyya'aan namoota afurii fi worri meeshaa mana woyyu'uu eegan namoota lama lama turan. Gara dhiya adu'uutiin karaa gara faarbariitiin namoota afurii karaa Faarbarii bira garuu namoota lama kaayan. Gayeen tajaajilaa ka ijoollee Qore'eetii fi ijoollee Meeraariitiif kennamee kana. Worra Leewwotaa keessaa Akiyaan meeshaa mana woyyu'uutii fi manniin meeshaa kennaa Rabbiitii dhiyeessan keessa kaayan irratti bulchaa ta'ee muudame. La'aadaan nama gosa Geedsoonii abbaa ijoollee Yihi'eelii ture; worri isa irraa dhalate maruu akkuma gosa ufiitiin worra maatii ufii bulchu turan. Ijoolleen Yihi'eelii lamaan Zeetoomiitii fi Iyyo'eel galmee meeshaa manniin mana woyyuu keessaatii fi meeshaa mana woyyuu keessaa ka adda addaa irratti muudaman. Gosa Ambaraamitiif, gosa Yisi'aara'aatiif, worra gosa Keebrooniitii fi worra gosa Uzaa'eliitiifillee qooda huji'iititu kennameef. Subaa'el ilmi Muusee gosa Geersaamii manniin mana woyyuu keessaatitti muudame. Inni karaa obboleessa Geersaamii karaa El'eezeriitiin Shaaloomitiif firooma qaba; El'eezer Raabiyaa uumate; Raabiyaan Yashaayaa uumate; Yashaayaan Iyyooraamiin uumate; Iyyooraam Zikiriin uumate; Zikiri Shaaloomiitiin uumate. Shaaloomiit, Obboleewwan isaa, mootichi Daawiti, bulchoonni manniin abboota isaanii worri ajajoota loltuu dhibbaatii fi kumaa, ajajoonni loltootaa meeshaa woyyuu manniin mana woyyuu keessa jiran maraa irrattuu muudaman. Meeshaa booji'an mana woyyuu ittiin midhaassu'uuf woyyoomsan. Saamu'eel abbaan mudhataa, Saa'ol ilmi Qiisii, Abaaneeri ilmi Neeriitii fi Iyyoo'aabi ilmi Xuuriya'aa Shaaloomii fi obboleewwan isaanii woliin worra meeshaa mana woyyuu ittiin woyyoomsan san tooyatan turan. Worra gosa Yisi'aara'aa keessaa Kanaanii fi ijoolleen isaa hujii mana woyyu'uutiin alatti hujii mana mootumma'aa irratti muudamanii turan. Worra Keebroonii keessaa Hashaabii fi obboleewwan isaa namoonni jajjabaan kumni tokkoo fi dhibbi torbaa waan hujii Rabbiitii fi tajaajila mootumma'aa maraa irratti worra Israa'elii ka laga Yoordaanosiitiin gara lixa adu'uutiin jiru maraa irrattuu muudaman. Yisiyaan manniin abboota isaa keessaa bulchaa worra Keebroonii ture; Daawiti mooyee woggaa afurtameesso'ootitti galmee seena'aa keessa yoo barbaadan namoota jajjabaa Iyyaazeerii Gala'aadii keessaa galmee seena'aa san keessatti argan. Obboleewwan isaa worri jajjaboota ta'an bulchoota manniin abboota isaanii keessaa namoota kuma lamaa fi dhibba torba turan. Mootichi Daawiti worra laga Yoordaanosiitiin gara baya biiftu'uutiin jiran worra Roobeelii, worra Gaadiitii fi cinaa gosa Minaase'ee maraa hujii Hafuuraatii fi hujii mootumma'aa maraa akka hojjataniif isaan muude. Worra Israa'elii keessaa bulchoonni manniin abboota isaaniitii fi ajajoonni dhibbaatii fi loltoota kumaa ka mooticha wogga wogga'aan, ji'a ji'aan tajaajilu'uuf yaa'an laakkobsi isaanii namoota kuma diddamii afuriiti. Ji'a jalqabaa kutaa tokko irratti Shoobi'aamii ilma Zabdi'eeliititu muudame; kutaa inni bulchu keessa loltoota kuma diddamii afuriititu ture. Inni gosa worra Faareesii keessaa dhalate. Ji'a jalqabaa loltoota maraa irrattuu muudame. Kutaa woraanaa ka ji'a lammeesso'oo irratti Duudii gosa Ahooha'aatitu muudame; kutaa isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira. Bulchaan kutaa sadeesso'oo ka ji'a sadeesso'oo Banayaasii ilma Yoodaahe'eeti; kutaa isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira. Banayaasi namoota soddomaa keessatti jaba'aa fi beekkamaa nama soddomaa bulchu; ilmi isaa Amizaabaadi garee inni bulchu ajaja. Ji'a arfeesso'oo garee arfeesso'oo irratti garee arfeesso'oo ka bulchu Asaaheelii obboleessa Iyyoo'aabiiti; isaan maayessa ilma isaa Zibaadiya'atu bulche; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira. Ji'a shaneesso'oo keessaa garee shaneesso'oo ka bulchu Shaamhuutii gosa Yizira'aati; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira. Ji'a jaheesso'oo keessaa garee jaheesso'oo ka bulchu Iraas ilma Isikaa gosa Teequha'aati; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira. Ji'a torbeesso'oo keessaa garee torbeesso'oo ka bulchu Seleesii nama Filoona'aa ka gosa Efreemiiti; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu ture. Ji'a saddeetesso'oo keessaa garee saddeetesso'oo ka bulchu Sibookaayii worra Kuusa'aa ka gosa Zaara'aati; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira. Ji'a sagaleesso'oo keessa ka garee sagaleesso'oo bulchu Abi'eezarii worra Anaatootaa ka gosa Biiniyaamiiti. Ji'a kudhaneesso'oo keessaa garee kudhaneesso'oo ka bulchu No'eeree worra Naxoofa'aa ka gosa Zaara'aati; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira. Ji'a kudha tokkeesso'oo keessaa garee kudha tokkeesso'oo ka bulchu Banayaasii worra Phiri'aatoona'aa ka gosa Efreemiiti; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afurititu jira. Ji'a kudha lammeesso'oo keessaa garee kudha lammeesso'oo ka bulchu Heldaayii worra Naxoofa'aa ka gosa Gotoniyaaliiti; garee isaa keessallee loltoota kuma diddamii afuriititu jira. Bulchoonni gosa Israa'elii bulchan El'eezer ilmi Zikirii gosa Roobeelii bulche; Safaaxiyaas ilmi Ma'aaka'aa gosa Simoonii bulche. Hashaabiyaan ilmi Qamu'eelii gosa Leewwi'ii bulche. Saadooqi gosa Aaroonii bulche; Obboleewwan Yihuuda'aa Elihu'utu bulche. Oomiri ilmi Mikaa'elii gosa Yisaakoorii bulche. Yishmayaan ilmi Abdiyyuu gosa Zaabiloonii bulche. Iyyaarimuuti ilmi Aziri'eelii gosa Niftaalemii bulche. Hoosee'i ilmi Azaaziya'aa gosa Efreemii bulche; Iyyu'eeli ilmi Faddaya'aa gosa Minaase'ee ka gara dhiya adu'uu bulche. Ado ilmi Zakkaariyaasii cinaa gosa Minaase'ee ka biyya Gala'aadii keessa jiru bulche; Isi'eel ilmi Abaaneerii gosa Biiniyaamii bulche. Azaari'eel ilmi Yirohaamii gosa Daanii bulche; Kunniin bulchoota gosa Israa'elii turan. Rabbi, «Banii Israa'elii akka urjii sami'iititti isin baay'isa» waan jedheeruuf Daawiti worra umuriin isaanii woggaa diddamaa gadii maraa hin laakkofne. Ilmi Tsuuriya'aa hin laakkaye malee hin raawwanne. Sababaa kanaaf Rabbi worra Israa'eliitiin lole seenaan isaanii galmee mooticha Daawitii irratti hin barreeffamne. Namoonni meeshaa mana mootumma'aa irratti baallii qaban bulchaan meeshaa mana mootumma'aa Azmootii ilma Adi'eeliiti. Yoonaataan ilmi Ooziya'aa qachoota gandoota waan raasaa keessa jiruu fi mana meeshaan mootumma'aa keessa taa'u tooyata. Eezir ilmi Kiluubii worra lafa midhaassan, worra lafa qotan maraa bulcha. Saami'i namni gosa Raamaata'aa hulee woyinii itti dhaaban irratti muudamaa ture; Zibaadi namni gosa Shaafa'aa bulchaa mana cuunfaa woyini'iiti. Alhaanaan ka biyya Gederootaa keessatti dhalate muka woyini'iitii fi odaa gaara gara dhiya adu'uutiin jiru irratti muudame; Iyyoo'aas mana daadhii woyini'ii irratti muudame. Saaziriraayi namni biyya Saarana'aa horii biyya Saaroonii irratti bobbayan irratti muudame; Shaafaaxi ilmi Adilaayii horii lafa dhooqaa keessatti bobbayan irratti muudame. Ubiyaas namni gosa Ismaa'elii gaala irratti muudame; Yiheediyaan namni gosa Meerootaa Harriin irratti muudame. Yaazliz namni gosa Hagaarii re'iinii fi hoolota irratti muudame; kunniin maruu qabeenna Daawitii mootichaa irratti muudaman. Yoonaataan eessumni Daawitii beekaa qaroo Daawitii mooticha gorsu; Yihi'eel ilmi Hakimoonii ijoollee mootichaa woliin ture. Akixoofeelillee nama mooticha gorsu; Kuusi namni gosa Arka'aallee goshoo mootichaati. Haga Akixoofeel du'een maayessa Abiyaatarii fi Yoodaaheen ilmi Banayaasii worra mooticha gorsan turan; Iyyoo'aabi bulchaa loltoota mootichaa ture. Daawiti worra Israa'eliin bulchan, worra gosa bulchu, ajajoota loltootaa ka mana mootumma'aa keessatti mooticha tajaajilan, ajajoota loltuu dhibbaatii fi ajajoota loltuu kumaa, worra horii mootichaatii fi worra horii ijoollee mootichaa irratti baallii qaban, worra baallii qabanii fi worra jajjabaa maraa Yerusaalemitti wolitti qabe. Mootichi Daawiti lafaa ka'ee dhaabatee «Isiin baniin kiyyaa fi obboleewwan kiyya na dhagayaa'a; saanduuqa waadaa Rabbiitii fi mana Waandhi keenna hara itti baafatu ijaaru'uuf yaadee waan ijaarsa manaatiif barbaachisu qopheesse. Rabbi garuu ati nama dhiigaa taatee dhiiga nama baay'e'ee waan jissiteef maqaa kiyyaaf mana naa hin ijaartu naan jedhe. Rabbi Waandhi Israa'elii garuu baraa haga bara baraa worra Israa'elii irratti mootii akka ta'uuf mana abbaa kiyyaa keessaa na filate; Yihuudaallee akka bulchaa ta'u filate; mana Yihuuda'aa keessaa mana abbaa kiyyaa filate; ijoollee abbaa kiyyaa keessaa mana Israa'elii irratti na moosiu'uuf na filate. Rabbi ijoollee dhiiraa baay'ee waan naa kenneef ijoollee Rabbi naa kenne keessaa akka inni hulee Rabbi isa kaaye taa'ee worra Israa'elii bulchuuf ilma kiyya Solomooniin filateera» Rabbi, «Inni akka ilma kiyya ta'u, anillee akka abbaa isaa ta'u waan filadheef ilmi kee Solomoon mana kiyyaa fi hulee itti gad bayan naa ijaara; ‹Seera kiyyaa fi murtii kiyya jabaatee yoo raawwate, mootummaa isaa baraa haga bara baraa jabeessee dhaaba› naan jedhe. «Isin ammallee baniin kiyya Rabbii fi banii Rabbii Israa'eliin afo'otti ajaja Rabbi Waandhi keenna nu ajaje maraa seeraan akka raawwattan isin kadhadha; yoo waan kana gootan lafti michuun tun baraa haga bara baraa teessan taati; ijoollee teessanillee hin dhaalchiftan» isaaniin jedhe. Daawiti Solomooniin, «Ilma kiyya; Waaqa abbaa keetii akka beettu onnee guutu'uu fi yaada misha'aan akka isa tajaajiltu si kadhadha yoo isa barbaaddellee hin argattaan; yoo isa dhiifte innillee baraa haga bara baraa si dhiisa. Amma Rabbi akka ati mana woyyuu isaa ijaartuuf si filateeraa jabaadhuu hojjadhuu raawwadhu» jedheen. Daawiti ilma ufii Solomoonitti akkaataa manniin meeshaan keessa taa'uu, huleen woyyittii woyyootaa itti ijaaramu maraa itti hime. Mana woyyuu afoo hulee itti gad bayan, mana meeshaan keessa taa'ullee akkamitti akka ijaaru mana meeshaan kennaa mana Waaqaa keessa taa'u akkamitti akka ijaaramu waan Hafuurri Waaqaa yaachiseen itti hime. Akkasuma Daawiti hujii gadoonni hojjatanii fi worri Leewwotaa hojjatan hujii mana woyyuu keessatti hojjatamuu fi kunuunsa meeshaa mana woyyuu keessaa ka Rabbii Waaqa ittiin waaqeffatanillee Solomoonitti hime. Meeshaa tajaajila adda addaa ittiin fayyadaman birri'ii fi worqii meeshaa kanniin haga isaa itti hime. Worqii, baattuu ibsa'aatii fi ibsaa, akkasuma birrii, baattuu ibsa'aatii fi ibsaa madaalee kenneef. Worqi'ii fi birri, xarapheessaa xoroshoo woyyoome irra kaayanillee madaalee kenneef. Akkasuma birri'ii fi worqii qulqulluu, shuukkaa, keree Sibiilaatii fi makarajjii baay'ee, birri'ii fi worqii qulqulluu saanii baay'ee ka ittiin hojjatan madaalee kenneef. Worqii qulqulluu gaariin fardaa ittiin hojjatamu ka Kiruubeeliin koola ufii saanduuqa waadaa Rabbii hulee ciinca'aa ka hixaana irratti aarsaniif gara lamaaniinuu irra badhisu irra taa'u ittiin hojjatamu hagam akka ta'e tilmaamee kenneef. Achiin maayessa mootichi Daawiti, «Karoora Rabbi akka ani hujii irra oolchuuf barreeffamaan naa kenne» jedhe. Daawiti ilma ufii Solomooniin, «Jabaadhu hujii ijaarsaa daddafii jalqabi, Rabbi Waandhi kiyya waan si woliin jiruuf hin sodaatin, hin nayinille'e; haga ijaarsi mana woyyuu Rabbii dhumatuuf inni si hin dhiisu si hin gatu. Tajaajila mana woyyuu Rabbii keessaa akka raawwataniif worri gadootaatii fi worri Leewwotaa ajajamaniiran hojjattoonni dandeettii adda addaa qaban si gargaaran bulchoonninii fi baniinillee si ladda dhaabatanii si gargaaran» jedheen. Mootichi Daawiti banii maraanuu, «Mucaan kiyya Solomoon ka Rabbi filate ijoolle'e; manni ijaaramu garuu mana mootumma'aa uduu hin taane mana Rabbi itti waaqeffamu waan ta'eef hujiin isaa gudda'a. Anillee akkuma hunna kiyyaatitti worqii, meeshaa worqi'ii ka ittiin hojjatan, birrii, meeshaa birri'ii ka ittiin hojjatan, sibiila diimaa, sibiila hujii sibiilaatiif, muka hujii mukaatiif, dhagaa dhagaa qarsa'aatiif dhagaa adda addaa ka bifa adda addaa tartiibaan dhagaa jabaa calanqisullee qopheesseera. Waan amma qopheesseen alatti birri'ii fi worqii qabu keessaallee jaalala mana woyyuu Rabbiitii qabuuf fedha kiyyaan kenneera. Ijaarsa mana woyyu'uullee bareechisu'uuf worqii oofirii kiiloo kuma dhibba tokkootii fi birrii qulqulluu kiiloo kuma dhibba lamaa fi afurtama. Meeshaa worri ogeeyyi'ii harkaan hojjataniinillee kenneera. Isin keessaa namni Rabbii arjumma'aan kennaa kennu eennu?» jedhe. Kanaan maayessa bulchoonni manniin abboota isaanii, bulchoonni gosa Israa'elii, ajajoonni loltuu dhibbaatii fi loltuu kumaa worri fedha mootichaatiin mana woyyuu ijaaru'uuf muudaman maruu fedha ufiitiin waan qaban fidan. Isaan fedha ufiitiin worqii kiiloo giraama kuma dhibba tokkoo fi torbaatama, birrii kiiloo giraama kuma dhibbaa sadihii fi afurtama, Sibiila diimaa kiiloo giraama kuma dhibba tokkoo fi diddamaa gawu, sibiila miliyoona sadihiitii fi kuma dhibba afurii olii kennan; worri booka qabu maruu Yihi'eelii Leewwicha gosa Geedsooniititti kennaa mana woyyu'uu akka ittiin ijaaru kennan. Baniin waan fedha ufiitiin waan qaban kennaniif guddisanii gammadan; Daawitiillee guddisee gammade. Daawiti banii maraa afo'otti «Rabbii Waaqa Israa'elii abbaa kiyyaa baraa haga bara baraa ulfaadhu! Waandhana; wonti ardi'ii fi samii irra jiru maruu kee waan ta'eef guddinni, hunni, ulfinni, mooyichinii fi gaachennillee keeti. Waandhana; baalliin teeti; ati waa maraafuu mata'a. Durummaanii fi ulfinni si biraa argama; ati maraa bulchita; hunninii fi jabeenni sima harka jira, nama guddisu'uu fi hunnallee kennu'uufii hin dandeetta. Eeganaa Waaqa keenna nu si jalatti bulla maqaa kee kabajjama'aaf galata dhiyeessina. Ani ka kennaa kana fedha kiyyaan sii kennu eennu? baniin kiyyallee eennu? wonti maruu kennaa si irraa fudhanne; kunoo waan si irraa fudhanne deebifnee sii kennineerra. Rabbii keenna nu akkuma abboota teenna ta durii san keessumma'aa fi gala'a; barri keenna ka lafa irratti qabnu akkuma gaaddisaati; Waaqa keenna! maqaa woyyuu keetii mana ijaaru'uuf kennaan wolitti qabne kun maruu kama si biraa dhufe; wonti maruu keeti. Waandhana ati yaada namaa qorta; akka qajeellummaa jaalattu hin beeka; anillee gara laafumma'aa fi fedha kiyyaan waan kana maraa dhiyeesseera; baniin kee ka as jiru kunillee akka fedha ufiitiin sii dhiyeesse argee gammadeera. Yaa Waaqa abboota teennaa Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisaaqiitii fi Waaqa Israa'elii; yabo'oo yaanni kun banii kee keessa baraa haga bara baraa haa jiraatu; onnee isaanii gara kee deebisi. Ilma kiyya Solomoonii akka inni gorsa, ajajaa fi seera kee eegu waan kana maraa akka raawwatu, mana haa inni ijaaru'uuf isaa qopheesse kana ijaaree akka raawwatu qalbii kenniif» jedhe. Kanaan maayessa Daawiti banii maraanuu, «Rabbii Waaqa keessan galatoonfadhaa'a!» jedhe; isaanillee Rabbii Waaqa abbaa ufii galatoonfatan; gad jedhanii Rabbii fi mootichaa sagadan. Bariisaa san horii baay'ee qalanii Rabbii ciincaa dhiyeessanii achiin maayessa baniin akka nyaatu kennaniif; akkasuma korommii kuma tokkoo, korbeeyyii gugurdaa, hoolotaatii fi korbeeyyii hoolotaa didiqqaa kuma tokko tokko ciincaa dhiyeessanii hulee ciinca'aa irratti ciinceessan; daadhii woyini'iillee hin kennan. Kanaafuu guyyaa san Rabbiin afo'otti nyaata'aa dhuga'aa gammadan; ilma Daawitii Solomooniin hennaa lammeesso'ootiif mootii taasisanii akka bulchuuf Rabbiin afo'otti isa muudan. Saadooqiinillee gadicha godhatanii muudan; akka kanaan Solomoon teessoo abbaa ufii ka Daawitii irra taa'e. Wonti maruu qajeeleefii baniin Israa'elii maruu isaa ajajaman. Bulchoonni worri jajjabaanii fi ijoolleen mooticha Daawitii maruu isaa ajajamu'uuf waadaa galan. Rabbi Solomooniin mootota armaan dura Israa'eliin bulcha'aa turan caalaa kabajjeen. Daawiti ilmi Isseyii banii Israa'elii maraa irratti mooye; Barri inni worra Israa'elii irratti mooye woggaa afurtama; woggaa torbaa Keebroonitti, woggaa soddomii sadihii Yerusaalemiin irratti mooye. Umurii dheeraa, durummaa, ulfinnaa fi maqaa mishaa argee jaaree du'e; ilmi isaa Solomoon bikka isaa mooye. Seenaan mooticha Daawitii jalqabaa haga dhumaa kitaaba seena'aa ka raattonni sadihii Saamu'eel, Naataanii fi Gaad barreessan keessatti argama. Akkaataan Daawiti itti bulche, jabeenni isaatii fi wonti inni mootota Israa'eliitii fi mootota naannoo isaa jiran maraa irratti hojjate kitaaba seena'aa ka raattota sadihii san keessatti barreeffameera. Ilmi Daawitii Solomoon waan Rabbi Waandhi isaa isa woliin tureef mootummaa ufii jabeeffate; guddisee isa kabajje. Mootichi Solomoon worra Israa'elii maraa, ajajoota loltuu dhibbaatii fi loltuu kumaa, worra baallii qaban ka mootumma'aa, worra maatii bulchuu fi banii maraa gara hulee itti waaqeffatan ka tulluu Gabaa'oonii irra jiru bira isa woliin akka dhaqaniif ajaje; sababaan achi dhaqaniif daaseen Rabbii ka tajaajilaan Rabbii Muuseen lafa gammoojji'iititti hojjate tulluu Gabaa'oonii keessatti waan argamuuf. Saanduundhi waadaa Rabbii garuu hennaa mootichi Daawiti Qiriyaati'aarimii fidee daasee Yerusaalemiin keessatti qopheesse keessa taa'a'aa ture. Hulee ciinca'aa garuu ka Baasili'eel ilmi Uumrii ilma Hoorii sibiila diimaa irraa hojjatellee daasema Rabbii san afoo jira ture; Solomoonii fi baniin maruu achitti Rabbii sagadan. Solomoonillee gara daasee Rabbii hulee ciinca'aa ka sibiila diimaa irraa hojjatame irratti horii kuma tokko ciincaa godhee dhiyeesse. Halkan san Rabbi Solomoonitti mudhatee «Maal akka sii kennu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Solomoonillee Rabbiin «Ati abbaa kiyya Daawititti jaalala guddaa kee mudhifteerta. Yaa Rabbi Waaqa kiyya! jecha abdi'ii ka abbaa kiyyaa kennite raawwadhu; kunoo ati banii laakkobsaa ol ta'ee laakkayamuu hin dandeenne kana irratti na moosifteerta; akka banii kee akka misha'atti bulchuu danda'u beekumsaa fi ogummaa naa kenni; yoo kana hin taanee banii guddaa kana eentu bulchuu danda'a?» jedhee deebiseef. Rabbi Solomooniin, «Durummaa, qabeenna, gurra dhagayachuu yookaan du'a diintota keetii yookaan umurii dheeraa jiraachuu uduu hin taane banii kiyya ka ani irratti si moosise akka misha'atti bulchu'uuf ogumma'aa fi beekumsa waan na kadhatteef; Ani kunoo beekumsaa fi ogummaa na kadhatte sii kenna; kanatti eda'ee durummaa, qabeennaa fi gurra dhagayachuu mootonni tanaan dura turan hin argannee fi ka uf afoo eennullee argachuu hin dandeenne sii kenna» jedheen. Solomoon hulee daaseen Rabbi itti waaqeffamu jiru ka gaara Gabaa'oonii biraa dhufee gara Yerusaalemii dhaqee Yerusaalemiin keessa jiraata'aa worra Israa'elii bulche. Solomoon worra gaarii fardaatiin lolu kuma tokkoo fi dhibba afur, worra fardaan lolu kuma kudha lama qaba; inni gaarii fardaatii fi worra farda yaabbatee lolu qachaa ufii keessa jiraatu Yerusaalemiin keessa jiraachise. Bara mootichi Solomoon mooye birriinii fi worqiin Yerusaalemiin keessatti waan guddatee baay'ateef akkuma dhagaa raasaa keessaatitti lafa guute; baay'inni birbirsa Libaanosiillee akkuma odaa lafa gammoojji'ii ture. Solomoon faradoo biyya Misiriitii fi biyya Qawwe'eetii bichisiise daldaltoonni mootichaa biyya Qawwe'eetii qarshi'iin bita'aa fidan. Gatiin gaarii tokkoo ka biyya Misiriitii bitamuun saqilii dhibba jaha; gatiin farda tokkoo garuu saqilii dhibbaa fi shantama kaffala'aa turan; akkasuma mootota biyya Keexotaatii fi mootota biyya Sooriya'aatittillee gurgurata'aa turan. Mootichi Solomoon maqaa Rabbiitii mana Woyyu'uu fi mana mootumma'aa ijaaru'uuf murteesse; kanaafuu worra meeshaa fe'an kuma torba, worra gaara dhaqanii dhagaa baqassan namoota kuma saddeettamaa hujii irratti bobbaasee worra isaan tooyatu namoota kuma sadihii fi dhibba jaha ramadeef. Kanaan maayessa mooticha biyya Xiroosii Kiraamitti, «Akkuma hennaa abbaan kiyya mana mootumma'aa ijaaru muka birbirsa libaanosii erga'aafii turte anaallee ergi. Ani amma maqaa Rabbii Waaqa kiyyaaf mana woyyuu ijaaru'uuf qophaaya'aara; manni woyyuun kun ka anii fi baniin kiyya hixaana urgaayaa mishaa itti dhiyeessinu, ka xoroshoo woyyoome itti dhiyeessinu guyyaa maraa halkanii fi guyyaa akkasuma Sambata maraa ayyaana jalqaba ji'aatii fi ayyaana biraallee hulee woyyuu Rabbii Waaqa keenna ulfeeffachu'uuf ciincaa ciincawu itti dhiyeessinu ta'a; baniin Israa'elii waan kana baraa haga bara baraa akka raawwatu ajajeera. Waandhi keenna waaqolee tolfamaa maraa caalaa guddaa waan ta'eef mana woyyuu guddaa isaa hojjachu'uuf karoorfadheera. Namni mana woyyuu Rabbii ijaaruu danda'u eennu? badhinni ardi'iitii fi sami'iillee yoo ta'e Waaqa qabuu hin danda'u; kanaafuu mana hixaanni Rabbii itti aaru ijaaruu malee ka mana woyyuu Rabbi keessa bulu ijaaru'uuf yaalu ani eennu? Worra ogeeyyii abbaan kiyya Daawiti qopheesse worra anaa fi ogeeyyii biyya Yihuuda'aa, ogeeyyii biyya Yerusaalemii woliin ta'anii hojjatan, nama birri'ii fi worqii, Sibiila diima'aa fi sibiila, ka uffata diimaa dhiilgee dhawu, uffata bulee dhawuu fi nama ogeessa waa babbareechisu naa ergi. Worri kee ka muka muru worra ogummaa guddaa qaban akka ta'an hin beeka; kanaafuu birbirsa libaanosiitii fi muka sandalaa naa ergi. Manni woyyuun ani ijaaru'uuf karoorfadhe kun guddisee badha'aa fi ka bareede ta'uu waan isa barbaachisuuf ani namoota kiyya worra muka muru hojjattoota kee haa gargaarani'iif ergu'uuf qophaaya'aara. Hojjattoota kee ka muka muraniif waan nyaataaf ta'u waan isaan barbaachisu qamadii kuntaala dhibba afurii fi afurtamaa fi garbuu kuntaala dhibba afurii fi afurtama, daadhii woyini'ii liitira kuma afurtamii afurii fi dhadhaa ejersaa liitirii kuma afurtamii afurii sii ergaa» jedhee dhaamsa erge. Kiraam mootiin biyya Xiroosiillee «Rabbi banii ufii jaalatee isaan irratti si moosise» jedhee ergamtoota itti erge. Kiraam hennaa lammeesso'ootiif Solomooniin «Rabbi Waandhi Israa'elii ka ardi'ii fi samii uume mana mootumma'aallee akka ijaaruuf mucaa ogeessaa fi ka waa hubatu mooticha Daawitii kenne haa ulfaatu!» jedhe. «Worra ogeeyyii kee woliin, ogeeyyii Daawitii abbaa keetii woliin akka hojjatuuf nama ogeessaa fi qaroo Kiraam'aab jedhamu sii ergeera. Haati isaa nama gosa Daaniiti; abbaan isaa nama biyya Xiroosiiti; inni birri'ii fi worqii, sibiila diima'aa fi sibiila, dhaga'aa fi mukallee, uffata diimaa dhiilge'ee fi uffata bulee, uffata mishaa gad diratanillee hojjachu'uu fi waan gara garaallee midhaassuu hin danda'a. Gooftaa kiyya qamadi'ii fi garbuu, dhadhaa ejersaatii fi daadhii woyini'ii ka hin erga jette garboota kiyyaa ergi. Nullee muka birbirsa libaanosii haga ati barbaaddu murree markabatti feenee galaana irra gara Iyyoophe'ee sii erginaa; ati gara Yerusaalemii fudhattaa» jedhee Solomoonitti dhaamsa erge. Solomoon akkuma abbaan isaa Daawiti worra biyya Israa'eliititti galanii jiraatan laakkaye innillee laakkayee namoota kuma dhibba tokkoo fi shantamii sadihii fi dhibba jaha ta'uu hubate. Isaan keessaa worra meeshaa fe'an namoota kuma torbaatamaa, worra gaaratti dhagaa baqassan namoota kuma saddeettamaatii fi worra hujii isaan hojjatan haa tooyatani'iif muudaman garuu namoota kuma dhibba sadihii fi dhibba jahaa muude. Mootichi Daawiti abbaan Solomoonii Yerusaalemiin keessatti gaara Mooriya'aa irratti hulee manni woyyuun itti ijaaramu qopheesse; Huleen kun hulee Rabbi isatti mudhatee fi ka Oornaan gosa Iyyaabusii oobdii godhatee itti fayyadamu ture. Solomoon mooyee woggaa arfeesso'oo ji'a lammeesso'oo keessa guyyaa lammeesso'ootitti ijaarsa mana woyyu'uu jalqabe. Bu'uurri Solomoon mana woyyuu ijaaru'uuf dhaabe dheerinni ciqilee jahaatama; dalgi ciqilee diddama ture. Afaan dhaga'aa ka mana afo'oo dheerinni isaa akkuma dalga manaatiin ciqilee diddama; ol dheerinni isaa ciqilee dhibbaa fi diddama; mana keessa worqii qulqulluu itti maxxanse. Mana guddaa ginnoo isaa muka hindheessaatiin ijaare; worqii mishaa itti maxxansee fakii muka meexxi'iitii fi ka haada sibiilaa irratti kaase. Mana mi'a gatii gudda'aatiin midhaasse; worqiin manaan midhaasse worqii farwaayimiiti. Dhaaba mana woyyu'uu, qasatoo, ginnoo, balbalaa fi cufanaa balbalaa worqii itti maxxansee girgiddaa irratti fakii kiruubeeli'ii kaase. Hulee woyyittii woyyootaa keessa isaa dheerinna ciqilee sagal, dalgillee ciqilee sagal; ijaarsi dhaga'aa ka woyyittii woyyootaa worqii kiiloo giraama kuma diddamaa gawu itti maxxanse. Misimaariin woyyittii woyyootaa ijaaraniin worqii saqilii dhibba shanii fi torbaatama fixe; kutaa mana woyyu'uu ka gamoo irraa worqii maxxansan. Mootichi Solomoon hojjattoota ufii akka isaan fakii kiruubeelii kaasanii worqii itti maxxansanii hulee woyyittii woyyootaa keessa kaayan ajaje. Koolli kiruubeeli'ii haga ciqilee diddamaa diriireera; koolli kiruubii tokkoo ciqilee shan; qacceen isaa ijaarsa manaa tuqa; koolli lammeesso'oollee koola kiruubii lammeesso'oo tuqa. Koolli kiruubii lammeesso'oollee ciqilee shan; dheerinni isaallee ijaarsa manaa tuqa; koolli kiruubii lammeesso'oollee ciqilee shan. Dheerinni isaallee koola kiruubii lammeesso'oo tuqa. Koolli kiruubii kanniinii haga ciqilee diddamaa diriiran; luka ufiitiinillee dhaabatanii fuulaan gara manaa laalan. Golga woyyittii woyyootaa, uffata dheeraa gad diratanii fi carqii addaa ka bifa biraatiin hojjatan; bifti golgaa diimaa, bule'ee fi diimaa dhiilgee fakii kiruubeeli'iillee irratti kaasaniiran. Mootichi Solomoon utubaa lamaa ka dheerinni isaanii ciqilee kudha shanii fi wodhakka'aa hojjatee mana woyyuu afoo dhaabe; qaccee mataa utuba'aa irra ginnoo ciqilee shanii hojjatee irra kaaye. Qaccee utubaa sanniinii irratti waan akka maraba gingilcha'aa hojjatee irra kaaye. Utubaawwan kanniin bita'aa fi mirgaan dhaabee maqaa utuba'aa ka gara kaabaatiin jiru «Yaakiin » maqaa tuba'aa ka gara kibbaatiin jiru garuu «Boo'eez » jedhee itti baase. Mootichi Solomoon hulee ciinca'aa ka dheerinni isaa ciqilee diddamaa, dalgi ciqilee diddamaa, ka ol fageenni isaa ciqilee kudhanii sibiila diimaa irraa hojjate. Akkasuma gongaa bisaanii korboon isaa ciqilee kudhan, hojjaan isaa ciqilee shanii, naannofni isaa ciqilee soddomaa sibiila diimaa irraa hojjachiise. Naannaya qaccee gongaa bisaanii gama lamaaniinuu hin bareechisan; wonti gongaa bisaanii kana midhaassaniin akkaataa fakii qotile'eetiin hojjatan. Waabaan sibiila irraa hojjataman; waabaawwan kunniin fakii korommii kudha lamaa ka fuulli isaanii sadihii gara kaabaa, sadihi gara kibbaa, sadihi gara baya biiftu'uutii fi sadihi gara dhiya adu'uu laalan irra jiran; dudda duubni maraatuu gara keessaa aana; yabbinni gongaa bisaanii taakkuu tokko yoo ta'u; dimdimaanni isaa akka daraaraa abaabo'ooti; waabaan sunniin bisaan liitira kuma jahaatamaa qabata. Solomoon gongaa bisaanii ka keessatti hojjachiise shan mana woyyuu gara kibbaatiin; shan garuu mana woyyuu gara kaabaatiin kaaye; gongaan bisaanii kunniin ka foon horii ciincaa ciincawuu keessatti dhiqan; gongaa bisaanii guddaa worra gadootaatitu keessatti dhiqata. Solomoon akka ufii karoorfateen baattuu ibsa'aa kudhan worqii irraa hojjachiisee kutaa mana woyyuu keessa shan gara kaabaatiin, shan garuu gara kibbaatiin kaaye. Akkasuma xarapheessaa kudhanii hojjachiisee kutaa mana woyyuu keessa shan gara kaabaatiin, shan garuu gara kibbaatiin kaaye; kanatti eda'ee saanii dhibbaa worqi'iin hojjachiise. Solomoon hulee itti gad bayan ka tajaajila gadootaatiif ta'uu fi akkasuma hulee itti gad bayan guddaa hojjachiise; hulee itti gad bayan kanniin hojjachiisee balbala itti hojjachiisee sibiila diima'aan akka midhaassan godhe. Gongaa bisaanii guddaa gara baya biiftu'uutiin mana woyyuu bira dhaabsise; Kiraam xuwwee, qadhaba'aa fi keree baay'ee hojjate. Mootichi Solomoon meeshaa kanniin maraa hulee sibiila diimaa itti bassan ka dhooqa Yoordaanosii ka Suukootiitii fi Xaaredaa jiddu'uutitti hojjachiise. Meeshaan akkaataa kanaan hojjatame baay'ee waan ta'eef ulfinni sibiila diima'aa ka meeshaa kanniin ittiin hojjatan hagam akka ta'e eennullee hin beeku ture. Mootichi Solomoon meeshaa mana woyyuu keessaa hulee ciinca'aa ka worqii irraa hojjatame, gabatee xoroshoo woyyoome irra kaayan, baattuu ibsa'aatii fi waan irra kaayanii ibsan akka seeraan ibsaniif worqii mishaa irraa hojjate. Daraaraa, waan ibsaa irra kaayanii ibsanii fi waan daaraa irratti kuusan worqii mishaa irraa hojjate. Qadhabaa, keree, mooqqa'aa fi mi'a ibidda irratti bobeessan worqii mishaa irraa hojjate; mana keessa balbala woyyittii woyyootaatii fi balbala mana woyyu'uullee worqi'iin hojjate. Mootichi Solomoon ijaarsa mana woyyu'uu haga fixeen maayessa birri'ii fi worqii abbaan isaa Daawiti Rabbiif fooye maraa akkasuma meeshaa mana woyyuu keessaa maraa hulee meeshaa keessa kaayan ka mana woyyu'uu keessa kaaye. Kanaan maayessa mootichi Solomoon akka saanduuqa waadaa Rabbii Tsiyoonii qachaa Daawitiitii fidaniif manguddoota Israa'elii, bulchoota gosaa maraa fi bulchoota manniin abboota isaanii maraa, akkasuma abboota murti'iillee Yerusaalemitti wolitti qabe. Baniin Israa'elii ji'a torbeesso'oo keessa hennaa ayyaanaa mooticha biratti wol gayan. Manguddoonni Israa'elii maruu dhufanii worri Leewwotaa baadhatanii mana woyyuu Rabbii keessa kaayan. Saanduuqa waadaa Rabbiitii fi daasee wol gayi'ii meeshaa woyyoome ka daasee keessa jiru maraa worra Leewwotaatii fi gadootatu fide. Mootichi Solomoonii fi baniin isa biratti wol gayan ka Israa'elii maruu hoolotaa fi sangoota laakkobsi isaanii hagaa ol ta'e ciincaa dhiyeessa'aa turan. Worri gadootaa saanduuqa waadaa Rabbii gara mana woyyu'uu fidanii woyyitti woyyootaa keessa koola Kiruubeelii jala hulee isaa kaayan. Koolli Kiruubeelii ka diriire saanduuqa waadaa Rabbiitii fi loosaa isaa golga. Loosaan saanduuqa waadaa Rabbii guddisee dhedheeraa waan ta'eef namni woyyittii woyyootaa afoo dhaabate maruu arguu danda'a; namni woyyittii woyyootaa duuba dhaabate garuu arguu hin danda'u; loosaan kunniin haga adhaa achitti argaman. Saanduuqa waadaa Rabbii kana keessa gabatee lamaan waadaa Rabbii irratti barreessan lamaan Muuseen keessa kaayee ka hennaa Rabbi banii Israa'elii biyya Misiriitii baasu banii Israa'elii woliin waadaa gale keessa kaaye malee womaa uf keessaa hin qabu. Worri gadootaa ka achi jiran maruu uduu tajaajila isaanii kenname hin laalle tokkumma'aan Rabbiif uf kennan Worri Leewwotaa ka faarfatan Asaaf, Eemaan, Edootaamii fi ijoolleen isaanii, obboleewwan isaaniillee uffata mishaa gad diratan uffatanii meeshaa shaka shaka jedhu, meeshaa ittiin faarfatan ka sagalee guddaa kennuu fi maasinqoo dhaya'aa gara baya biiftu'uutiin hulee ciinca'aa bira dhaabatan; namoonni gadaa ta'an dhibbaa fi diddamnillee xurumbaa afuufa'aa turan. Kanaan maayessa mootichi Solomoon «Yaa Rabbi ati ‹Ani duumessa dukkanaayaa keessa jiraadha?› jetteerta. Ani garuu mana woyyuu gaachena qabu bareeda sii ijaareera. Manni kun mana ati baraa haga bara baraa keessa jiraattu» jedhe. Hennaa kana baniin Israa'elii isa bira dhaabataniiran; mootichi Solomoon gara isaanii gara galee akka Rabbi isaan eebbisuuf, «Rabbii Waaqa Israa'elii galanni haa gawu; inni waadaa abbaa kiyya Daawitiin woliin gale raawwateera; dubbiin abdi'ii ka inni abbaa kiyyaa kennellee akkana jedha; ‹Hennaa banii kiyya biyya Misiriitii baase irraa jalqabee haga adhaa hulee mana woyyuu kiyya itti ijaaru biyya Israa'elii maraa keessaa qachaa takkallee akkasuma nama banii kiyya Israa'eliin bulchu hin filanne. Amma garuu Yerusaalemiin akka maqaan kiyya itti waamamu, akka banii kiyya Isaa'eliin masakkitu si Daawitiin filadheera» Abbaan kiyya Daawiti, «Rabbii Waaqa Israa'eliitii mana ijaaru'uuf qalbii ufii keessatti yaadee ture. Rabbi garuu abbaa kiyya Daawitiin «Maqaa kiyyaan mana naa ijaaru'uuf waan yaaddeef kana waan mishaa yaadde. Garuu ilma kee ka si irraa dhalatutu mana naa ijaara malee ati mana naa hin ijaartu» jedheen. Mootichi Solomoon «Rabbi waadaa gale raawwateera; kanaafuu bikka abbaa kiyyaa mootii Israa'elii ta'ee muudamee maqaa Rabbii Waaqa Israa'eliitiif mana ijaareera; Saanduuqa waadaa Rabbii ka Rabbi banii Israa'elii woliin waadaa galellee mana woyyuu keessa kaayeera» jedhe. «Rabbii Waaqa Israa'elii! ardi'ii fi sami'ittillee Waandhi akka keetii sirima hin jiru; ati waadaa banii keetii galte hin eedda; worra garaa qulqullu'uun si duukaa bu'an jaalala kee ka bara baraa isaanii ibsita. Waadaa abbaa kiyya Daawitii kennite jabeessitee waan isatti dubbatte maraa raawwatteerta. Rabbii Waaqa Israa'elii! Waadaa abbaa kiyya Daawitii ka ‹ati akkuma seera kiyya eedde ijoolleen teellee yoo eedde fiixaa kee keessaa ka banii Israa'eliin irratti mooyu hin dhabamu› jettee isaa galte san akka naa raawwattu si kadhadha. Eeganaa Rabbii Waaqa Israa'elii waadaa abdi'ii ka abbaa kiyya Daawitii galte san maraa naa raawwadhu. Garuu dhugamaan Rabbi lafa irratti nama woliin hin jiraataa? samiin samii gubba'aallee si baatuu hin danda'u; manni ani ijaare kun hagam danda'a? Garuu Rabbi Waaqa kiyya; faate'ee fi kadha'aa kiyya ka garbicha keetii dhagayi; waamsa ani si waamadhullee naa dhagayi. Ijji tee gara mana woyyuu kanaa ka ‹maqaa kiyyatu itti waamama› jettee halkanii fi guyyaa haa laaltu; kadhaa ani mana woyyuu kana keessatti kadhadhu naa dhagayi. Ani tajaajilaa kee ta'e; anii fi baniin kee Israa'el gara mana woyyuu kanaa laallee yoo si kadhannu kadhaa keenna samii teessoo kee irra taa'ii nuu dhagayi; nuu dhiisille'e. Namni yoo goshoo ufii yakke; yoo isa himatanii isa gara mana woyyuu kanaa fidanii inni yakka irraa qulqulluu akka ta'e yoo kakatee hime, Yaa Rabbi ati samii irra taa'ii dhagayiif; tajaajiltoota teetiillee murtii qajeelaa murteessi; namni yakke yakka ufiitiin akka adabamu, namni yakka hin qabne akka bilisa bayu godhi. Baniin kee Israa'el si yakkanii yoo diina ufiitiin dhayamanii gara kee deebi'anii yoo maqaa kee ulfeeffatan mana kana keessatti worwaatanii yoo si kadhatan ati sami'ii isaanii dhagayi. Cubbuu banii kee Israa'elii dhiisiif; lafa isaanii fi abboota isaaniitii kenniteetitti isaan galchi. Yoo isaan si yakkanii sababaa isaan si yakkaniif ati akka roobni hin roobne goote isaan dhufanii yoo mana kana keessatti si kadhatan yoo maqaa kee kabajjan, yoo cubbuu ufii irraa deebi'an ati samii irraa isaanii dhagayi. Cubbuu banii keetii fi garboota kee ka Israa'elii isaanii dhiisi; karaa mishaa isaan irra deemanillee isaanitti mudhisi; lafa banii keetii kenniteef irratti rooba roobsi. Lafa irratti beelli, rakkinni, waagiin, raammoon, korophiisaa fi Awwaannifni yoo dhufan diinni isaanii qachaa isaanii marsanii yoo isaan rakkisan balaa adda addaatii fi dhibe'een yoo rakkatan, Namni kamuu yookaan baniin kee Israa'el maruu namni kamuu dhibee ufiitii fi gadda ufii beekee yoo si worwaatee si kadhate harka ufii gara mana woyyuu kanaa badhisanii yoo si kadhatan, «Keessummaa ka banii Israa'elii hin taane ka biyya fago'oo waan maqaa kee gudda'aatii fi waan irree kee jaba'aatiif waan irree kee ka diriireetiif yoo dhufee gara mana kanaa laalee si kadhate, ati samii irraa isaanii dhagayi worri Yihuudii hin taanee maruu akka maqaa kee beekanii akkuma banii Israa'elii akka si sodaatan manni woyyuun ani ijaare kun maqaan kee akka keessatti waamamu akka beekan; waan keessummaan kun si kadhate maraa raawwadhuuf. «Baniin kee diina ufiitiin lolu'uuf karaa ati isaan masakkiteen yoo bayan, gara qachaa ati filattee tanaa fi gara mana woyyuu ani maqaa keetiin sii ijaaree kana laalanii yoo si kadhatan, kadhaa isaanii samii irraa isaanii dhagayii murtii qajeelaa isaanii murteessi. «Namni si hin yakkine waan hin jirreef, ati isaaniin loltee diintota isaaniitiif yoo isaan kennite, biyya dhiyo'oo fi biyya fago'ottillee yoo booji'aman, biyya itti booji'amanitti yoo aagii galanii fi biyyuma sanitti yoo ‹Cubbuu hojjanneerra si yakkineerra, waan hamaallee hojjanneerra› jedhanii si kadhatan kadhaa isaanii dhagayiif, biyyuma itti booji'aman san keessa uduu jiran onnee qulqullu'uu fi garaa ufii guutu'uun gara kee yoo deebi'an gara lafa ati abboota isaaniitii kennitee fi gara qachaa ati filattee, gara mana woyyuu ani maqaa keetiin ijaaree kana laalanii yoo si kadhatan; kadhaa isaaniitii fi faatee isaanii samii hulee bultii keetii irraa isaanii dhagayii murtii qajeelaallee isaanii murteessi; banii kee ka si yakkellee isaanii dhiisi. «Waaqa kiyya; faatee hulee tanatti si kadhatan laali, gurri keellee akka faatee isaanii dhagawu si kadhadha. Yabo'oo Waaqa kiyya saanduuqa waada'aa kee ka hunna qabu woliin gara hulee hara baafata keetii dhaqi; yabo'oo Waaqa kiyya worri gadootaa kee fayyummaa kee haa uffatan; woyyoonni keellee haa gammadan! Rabbi Waaqa kiyya; mooticha ufii dibde hin dhiisin; jaalala garbicha kee Daawitiif goote yaadadhu» jedhee Rabbiin kadhate. Solomoon haga Rabbiin kadhatee fixe ibiddi sami'ii bu'ee ciincaa ciincawuu fi ciincaa biraallee gube; ulfinni Rabbiillee mana san keessa guute; Waan ulfinni Rabbii mana keessa guutee tureef worri gadootaa mana Rabbii keessa seenuu hin dandeenne. Ijoolleen Israa'elii maruu hennaa ibiddi bu'u, ulfinni Rabbiillee akka mana keessa guute arganii kallachaan lafatti gad kufanii «Rabbi arja'a; jaalalli isaallee baraa haga bara baraati!» jedha'aa sagadan; Rabbiinillee hin ulfeeffatan. Kanaan maayessa mootichi Solomoonii fi baniin maruu ciincaa Rabbii dhiyeessan. Mootichi Solomoon sangoota kuma diddamii lamaa fi hoolota kuma dhibba tokkoo fi diddamaa ciincaa dhiyeesse; akkaataa kanaan mootichinii fi baniin maruu mana woyyuu Rabbii woyyoomsan. Worri gadootaa akka seera isaaniitiin, worri Leewwotaallee faaruu Daawitii ka araarri isaa baraa haga bara baraati jedhu faarfata'aa meeshaa faaru'uu ka mootichi Daawiti Rabbiin ittiin galatoonfachu'uuf hojjate qabatanii dhaabataniiran; worri gadootaa isaan afo'otti xurumbaa afuufa'aa turan; hennaa san baniin Israa'elii maruu dhaabataniiran. Akkasuma Solomoon hulee itti gad bayan ka mana woyyuu afo'oo Rabbiif woyyoomse; ciincaa gubatu, kennaa midhaaniitii fi kennaa tokkumma'aa, cooma hori'ii maraa achitti Rabbii dhiyeesse; sababaan waan kana godheef huleen ciinca'aa ka sibiila irraa hojjatame ciincaa kana maraa waan qabachuu hin dandeenneef. Solomoonii fi baniin isa woliin jiran maruu hulee seensa Haamaatii irraa jalqabee haga laga biyya Misirii jiran hennaa san haga guyyaa torbaa ayyaanteeffatan; haga guyyaa torbaa hulee ciinca'aa san woyyoomsanii, haga guyyaa torbaa waan ayyaanteffataniif guyyaa saddeetesso'ootitti guyyaa ayyaana banii geegessu'uu godhan. Ji'a torbeesso'oo guyyaa diddamii sadeesso'ootitti banii maraa gara qe'ee isaanii geegesse; Isaan waan Rabbi banii ufii Israa'elii, Daawitii fi Solomoonii arjumma'aa fi araara godheef gammada'aa Rabbiin galatoonfata'aa deeman. Mootichi Solomoon akkuma karoorse mana woyyu'uu fi mana mootumma'aa ijaaree haga fixeen maayessa, Rabbi halkaniin itti mudhatee, «Kadhaa kee dhagayeera; mana woyyuu kana akka ciincaan keessatti naa ciincawuuf filadheera; hennaa ani akka roobni hin roobne, akka midhaan bulleessuuf korophiisa ergee fi hennaa beelli akka banii kiyya irra dhufu godhe, baniin maqaa kiyyaan waamaman yoo gad uf deebi'anii na kadhatan, yoo na barbaadan, yoo hujii hamaa ufii irraa deebi'an, ani samii irraa isaan dhagaya, cubbuu isaanii isaanii dhiisa, lafa isaaniillee hin fayyisa; ammallee kadhaa hulee kanatti na kadhatan hin arga; hin dhagayalle'e. Ammallee baraa haga bara baraa maqaan kiyya akka itti waamamuuf mana woyyuu kana filadheera; woyyoomseera; ijji tiyyaa fi onneen tiyya hennaa maraa isaan irra taati. Ati akkuma abbaan kee Daawiti itti jiraatetti yoo jiraatte, waan ani si ajaje maraa yoo hojjatte, seeraa fi ajaja kiyya yoo eedde, waadaa abbaa kee Daawitiin woliin ‹banii Israa'elii irratti fiixaa kee keessaa namni mootii ta'u hin dhabamu› jedhee dubbadhe teessoo mootummaa keetii hin jabeessa. Isin garuu yoo ana duukaa deemuu dhiiftan, seeraa fi ajaja ani isinii kenne yoo dhiiftan, deemtanii waaqolee tolfamaa biraa waaqeffattanii yoo isaanii sagaddan, lafa abboota teessanii kenne irraa isin buqqisa; mana maqaa kiyyaaf woyyoomse kanallee hin dhiisa; banii maraa jiddu'utti worra mammaakaa isin godha. «Worri mana gurra dhagayate kana laala'aa bira lufan maruu ‹Rabbi biyya kanaa fi mana kana irratti maal godhe?› jedha'aa baaseffatan; baniin sun ‹Rabbii Waaqa abboota isaanii ka biyya Misiriitii isaan baase dhiisanii waaqolee tolfamaa biraa waaqeffatanii waan hordofaniif, waan isaanii sagadaniif› Rabbi waan hamaa kana maraa isaanitti fide» jedhan. Mootichi Solomoon mana woyyu'uu fi mana mootummaa ufii ijaaru'uuf woggaa diddama itti fudhate; Akkasuma qachoota mootichi Kiraam isaa kenne deebi'ee haarawoomsee worri Israa'elii akka irra jiraatan godhe. Solomoon bulchiinsa Hamaatiitii fi Tsoobaatitti duulee isaan mooyatee qabate. Qachaa Taatsimoorii ta lafa gammoojji'ii keessa jirtuu fi qachoota hidhatanii keessa jiraatan ta Haamaatiin keessa jiran maraa ijaaree jajjabeesse. Akkasuma qachaa Beetihoorii ta jalaatii fi ta gubba'aa ta dallawa cufana'aa fi ta loosa'aan ijaaramte deebi'ee ijaare. Qachaa Ba'aalaatii qachoota meeshaa woraanaa keessa kaayatan, qachoota gaariin fardaatii fi faradoon keessa jiraatan maraa Solomoon akkaataa kanaan hujii ijaarsaa ka Yerusaalem, biyya Libaanosiitii fi qachoota biyya ufii bulchu maraa irratti ijaaru'uuf karoorfate ijaaree fixe. Garboonni Solomoon akka hujii hunnaa hojjataniif bobbaase fiixaa banii Kana'aanii ka hennaa worri Israa'elii lafa isaanii fudhatan isaan hin ajjeefne. Fiixaan banii Kana'aanii kunniin haga adhaallee garboota ta'anii hojjatan; isaan worra Keexotaa, worra Amoorotaa, worra Feerzotaa, worra Eewwotaatii fi worra Iyyaabusootaa fa'a; Solomoon ijoollee Israa'elii keessaa nama tokkollee hin garboomsine; isaan worra duultota, bulchoota worra nama ajajuu fi worra faradoo yaabbatanii lolan turan. Worri banii irratti mooyan, worri bulchootaa ka Solomoonii namoota dhibba lamaa fi shantama. Solomoon, «Huleen Saanduundhi waadaa Rabbii seene woyyuu waan ta'eef haati manaa tiyya mana Daawitii mootii Israa'elii keessa hin teettu» jedhee mucattii Fari'oonii qachaa Daawitii keessaa gara mana isi'ii ijaareetitti galche. Hennaa san Solomoon hulee ciinca'aa ka mana woyyuu afo'otti Rabbii hojjate irratti ciincaa ciincawu Rabbii dhiyeesse. Akkuma seera isaanii ka Muuseen isaanii kenneetitti guyyaa maraa, sambata maraa, guyyaa jalqabaa ji'aa, ayyaana gara garaa maraa irratti woggaa keessa hennaa sadihii, ayyaana xorosho'oo maraa fi ayyana subaa'ee, ayyana daasee keessatti ayyaanteeffatan maraa irratti Rabbiif ciincaa dhiyeessa'aa turan. Mootichi Solomoon seera abbaan isaa Daawiti kenne hordofee worra gadootaatii fi worra Leewwotaa ka huji'ii fi faaruu faarfachu'uun isaan gargaaran hujii guyya guyya'aan isaan hojjatan qopheesseef; akkuma Rabbi Daawitii seera baasetti worri mana woyyuu eegan balbala dallawan maraa akka eeganii hujiillee hojjataniif hojii isaanii qoodee kenneef. Isaan waan mootichi ajajee fi seera inni worra gadootaatii fi worra leewwotaatiif baase maraa hin diinne. Ijaarsi mana woyyu'uu jalqaba irraa haga dhumatutti wonti manni sun ijaaramuun maruu qophaayee waan tureef ijaarsi mana woyyu'uu akka misha'atti hojjatamee raawwatame. Kanaan maayessa Solomoon gara Etsiyoon-Gaabiriitii fi gara Eelootii lafa galaana Edoomiyaasiitiin gama jiranii dhaqe. Mootichi Kiraam markaba hedduu fi worra waan galaanaa beekan, worra markaba oofan hojjattoota ufiititti kennee isaa erge; isaanillee hojjattoota Solomoonii woliin gara oofirii dhaqanii worqii saqilii dhibba afurii fi shantama caalu achii fuudhanii Solomoonii fidan. Mootittiin biyya Saaba'aa hennaa gurra Solomoonii mishaa dhageette urgooftu'uu fi worqii hedduu, mi'a gatiin isaa gudda'aa gaala irratti feesiftee namoota kabajjaman woliin Yerusaalemiin keessatti gaafi'iin Solomooniin qoru'uuf isa bira dhaxxee hulee inni jiru seentee waan gara'atti yaadde maraa isatti himte. Solomoon waan isiin isa gaafatte maraa womaa uduu hin hambifne hiikeef; mootittiin biyya Saaba'aa ogummaa Solomoonii, mana inni ijaare, waan inni nyaatu, akkaataa bulchoonni isaanii itti hojjatanii fi itti uffatan, worra daadhii ansaadanii fi akka isaan uffata itti uffatan, ciincaa inni mana woyyuu keessatti Rabbiif dhiyeessu maraa haga argite waan kanniin maraa argitee, waan dura yaadde caalaa maalalchiisaa ta'ee argite. Isiin mootichaan «Wonti keetii fi wonti ogummaa keetii, gurri kee ka ani uduu biyya kiyya jiru dhagaye dhuga'a! Ani garuu haga dhufee ija kiyyaan argutti waan natti himan maraa hin amanne; worri waan kee ogumma'aa fi jabeenna keetii wodhakkamallee natti hin himne; ati garuu waan ani gurraan dhagaye maraa caalta; namoonni hennaa maraa sii hojjatan ka ogummaa kee si irraa dhagayan, hojjattoonni kee kunniin worra eebbifame. Rabbi Waandhi kee ka akka ati mootii taatee hojjattuuf jaalatee si muude haa eebbifamu; Waandhi kee Israa'eliin baraa haga bara baraa jabeessee isaan dhaabuu waan barbaadeef akka ati murtii qajeelaa murteessituuf isaan irratti si muude» jetteen. Mootittiin biyya Saaba'aa mooticha Solomooniif worqii saqilii dhibbaa fi diddamaa, urgooftuu baay'ee, mi'a gatii gudda'aa kabajjamaa kenniteef; urgooftuun akka mootittiin biyya Saaba'aa mooticha Solomoonii kennitee fakkaatu eessallee jiru ture. Hojjattoonni mooticha Kiraamiitii fi hojjattoonni Solomooniillee muka sandalaatii fi mi'a gatii gudda'aa kabajjamaa fidan. Mootichi muka sandali'ii saniin woggaa mana woyyu'uutii fi mana mootumma'aa faarfattootaafillee masiinqo'oo fi meeshaa faaru'uu ka laagaa guddaa kennu hojjate; wonti akka inni hojjatee kun biyya Yihuuda'aa maraa keessattuu hin argamne. Waan mootittiin biyya Saaba'aa mooticha Solomoonii kennite caalaa mootichi Sololmoon waan isiin isa kadhatte maraa kenneef; kanaan maayessa isiinillee achii kaatee hojjattoota ufii woliin gara biyya ufii deemte. Mootichi Solomoon wogga wogga'aan worqii saqilii dhibba jahaa fi jahaatamii jaha argata. Mootonni biyya Arabaatii fi bulchoonni biyya sanii birri'ii fi worqii Solomoonii fida'aa turan. Mootichi Solomoon wontee dhibba lamaa ka worqii saqilii dhibba jahaan itti maxxanfamee fi wontee dhibba sadihii didiqqaa ka worqii saqilii dhibba sadihiitiin itti maxxanfame hojjachiise; wontee kanniin maraa hulee «Bosona Libaanonii» jedhamu keessa kaaye. Mootichi Solomoon ilkaan Arbaatiin teessoo ulfinnaa hojjachiisee worqii mishaa itti maxxanse. Kobbee mootichi Solomoon waa itti dhuguu fi meeshaan hulee «Bosona Libaanonii» jedhamu keessa jiru maruu worqii mishaa irraa hojjataman; bara mootichi Solomoon bulchu birriin waan guddisee baay'ateef akka waan gatii qabuutitti hin laakkayamu ture. Mootichi Solomoon hojjattoota hojjattoota mootii Kiraamii woliin gara Tarseesii markabaan deeman qaba ture; isaan woggaa sadihi sadihiin worqii, birrii, ilkaan Arbaa, qamalee baay'e'ee fi jaldeessa baay'ee fida'aafii turan. Mootichi Solomoon mootota biyya maraa jiran irra qabeennaa fi ogumma'aan hin caala ture. Mootonni biyya maraa jiran ogummaa Rabbi isaa kenne laalu'uuf mootii Solomooniin hawwa'aa turan. Namni maruu kennaa isaa kennan meeshaa worqi'ii fi birrii irraa hojjatame uffataa fi meeshaa woraanaa, urgooftuu, farado'oo fi gaangiin baay'ee qabatanii wogga wogga'aan fida'aafii turan. Solomoon moonaa loonii ka farado'ootii fi ka gaarii fardaa keessa kaayan kuma afurii fi worra farda yaabbatanii lolan namoota kuma kudha lamaa qaba; inni isaan maraa qachaa Yerusaalemii keessa uf bira isaan jiraachise. Mootichi Solomoon laga Efraaxiisii irraa jalqabee haga biyya Filisxeemiitii fi mootota daangaa biyya Misirii jiran maraa irratti mooye. Mootichi birriin biyya Yerusaalemii keessatti akkuma dhaga'aatitti akka baay'atu godhe; baay'inna muka birbirsaallee akkuma odaa lafa gammoojji'ii keessatti biqiluutitti baay'ise. Mootichi Solomoon biyya Misiriitii fi biyya maraa keessaa faradoo fijjisiisa'aa ture. Seenaan Solomoonii ka biraa jalqabaa irraa haga dhumaa seenaa raatticha Naataanii raaga raatticha Akiyaa nama Seelo'otti dhalateetii fi wonti Iyyoorbi'aamii mootii Israa'eliillee mudhata raatticha Ido'oo irratti argama. Mootichi Solomoon Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa afurtamaa Israa'eliin bulche. Achiin maayessa du'ee qachaa Daawitii keessatti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Roobi'aamitu mooye. Roobi'aam akka baniin Israa'elii maruu isa moosisaniif gara Seekeemii dhaqe. Iyyoorbi'aam ilmi Naabaaxii mooticha Solomooniin jalaa dheessee waan biyya Misirii keessa jiraata'aa tureef haga waan kana dhagaye biyya Misiriitii deebi'ee gara Israa'elii dhufe. Isa nama itti erganii waamsisanii Iyyoorbi'aamii fi baniin Israa'elii maruu dhufanii Roobi'aamiin «Abbee fe'aa guddaa nutti fe'ee ture; ati amma bulchiinsa akka fe'aa gudda'aa ka abbee nutti baachisee nutti ulfaate waanjoo kana nuu salphisi; nullee si jalatti bullaa» jedhaniin. Inni isaaniin «Guyyaa sadihiin maayessa deebi'aa koottaa'a» isaaniin jedhe; isaanillee ka'anii deeman. Kanaan maayessa mootichi Roobi'aam manguddoota hennaa mootichi Solomoon jiru Solomooniin gorsa'aa turaniin «Deebii banii kanaa akka kennu maal na gorsitan?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Banii kanaa yoo waan mishaa goote, yoo isaan gammachiifte, yoo isaanii garaa laafte isaan baraa haga bara baraa garboota ta'anii sii hojjatan» jedhanii deebisaniif. Inni garuu waan manguddoonni isa gorsan dhiisee daraboo isa woliin guddatanii fi ijoollee isa woliin jiran woliin mari'ate. Innillee, «Worra waanjoo abbee nutti fe'e kana nu irraa buusi naan jedhaniin deebii maal akka isaanii deebisu na gorsitan?» jedhee isaan gaafate. Worri isa woliin guddatanillee, «Abbee waanjoo nutti fe'ee ture; ati garuu fe'aa waanjoo kana nu irraa buusi worra siin jedhaniin ‹Qubni tiyya diqqoon mudhii abbaa kiyyaa caalaa furdo'o; Abbaan kiyya waanjoo isinitti fe'ee ture; ani garuu waanjoo san irratti fe'aa biraa isinitti eda'a; abbaan kiyya shabbeenaan isin tume; ani garuu shabbeena akka buuti'ii nama idduun isiin tuma› jedhii isaanii deebisi» jedhaniin. Mootichi akkuma guyyaa sadihiin maayessa gara kiyya deebi'aa'a isaaniin jedhe baniinii fi Iyyoorbi'aam gara Roobi'aamii dhaqan. Mootichi deebii ulfaataa isaanii deebise; mootichi Roobi'aam gorsa manguddoonni isa gorsan dhiisee, «Abbaan kiyya waanjoo isinitti fe'e; ani garuu isa irratti fe'aa guddaa isinitti fe'a; abbaan kiyya shabbeenaan isin tume; ani garuu shabbeena akka buuti'ii nama idduun isin tuma» jedhee akka ijoolleen isa gorsitetti isaanitti hime. Sababaan wonti kun ta'eef dubbiin Rabbii ka raattichi Akiyaan Seelo'oo dhufe waan Iyyoorbi'aamii ilma Naabaaxii dubbatame akka raawwatamu'uuf; mootichi Roobi'aam yaada bani'ii uduu hin fudhanne wonti dhiiseefillee kanumaaf. Baniin Israa'elii akka mootichi Roobi'aam gaafii isaanii hin fudhanne haga argan «Nu Daawitiin biraa gayee maal qabna? Ilma Isseyii woliin tokkummaa maal qabna? Banii Israa'elii! gara mana keetii deemi; Daawiti! atillee mana kee eegi!» jedhanii deebisaniif; kanaaf baniin Israa'elii gara mana ufii deebi'an. Roobi'aam banii biyya Yihuuda'aa keessa jiraatu callaa irratti mooye. Kanaan maayessa mootichi Roobi'aam Adooniraamii hujii hunnaa nama hojjachiisu gara banii Israa'elii akka dhaqu erge; isaan garuu dhaga'aan dhayanii isa ajjeesan; hennaa san Roobi'aam daddafee gaarii fardaa keessa seenee gara Yerusaalemii dheesse. Hennaa san irraa jalqabee bulchiinsi gara kaabaa bulchiinsa Daawitii irratti ka'e. Mootichi Roobi'aam hennaa gara Yerusaalemii dhaqe loltoota jajjabaa kuma dhibba tokkoo fi saddeettamaa ka biyya Yihuuda'aatii fi gosa Biiniyaamii keessaa yaa'an hulee tokkotti wolitti qabe; sababaan inni waan kana godheef banii Israa'eliitiin lolee isaan mooyatee bulchiinsa ufii jala isaan godhu'uuf waan karoorfateef. Garuu dubbiin Rabbii gara Shamayaa nama Rabbii akkana ka jedhutu itti dhufe; «Mootii biyya Yihuuda'aatiif, Roobi'aamii ilma Solomooniitii fi banii Israa'elii ka biyya Yihuuda'aatii fi biyya Biiniyaamii keessaa jiru maraafuu wonti kun ana biraa waan ta'eef hin bayinaa'a; namni maruu gara mana ufii haa deebi'uu» jedhii isaanitti himi» jedhee ajaje. Isaanillee dubbii Rabbii dhagayanii lola dhiisanii gara mana ufii deebi'an. Mootichi Roobi'aam Yerusaalemiin keessa jiraatee qachoota biyya Yihuuda'aatii fi qachoota biyya Biiniyaamii jiran ijaare. Qachoota biyya Yihuuda'aatii fi qachoota biyya Biiniyaamii keessa jiran, Beeteliheemiin, Exaamiin, Teequhee, Beetitsuuriin, Mariisaa, Ziifiin, Adooraamiin, lakiisoo, Azeeqaa, Tsoori'aaniin, Eeloonii fi Keebrooniin kushee godhee ijaare. Kusheewwan midhaassee ijaaree bulchoota itti muudee waan nyaatan daadhii woyini'iitii fi dhadhaa ejersaa itti kuuse. Qachoota maraa keessa wonte'ee fi woraana kaaye; guddisee jajjabeesse; akka kanaan biyya Yihuuda'aatii fi biyya Biiniyaamii uf jala taasise. Worri gadootaatii fi worri Leewwotaa ka biyya Israa'elii keessa jiran maruu biyya isaanii san dhiisanii gara biyya Yihuuda'aa dhaqan. Mootiin Israa'elii Iyyoorbi'aamii fi fiixaan isaa ka isa jala ta'anii bulchan worri Leewwotaa gadoota ta'anii akka Rabbii hojjatan waan isaanii hin eeyyamneef worri hulee horii itti bobbaafatanii fi waan ufii qaban maraa dhiisanii gara biyya Yihuuda'aatii fi gara Yerusaalemii dhaqan. Mootichi Iyyoorbi'aam worra gadootaa ka gaara irratti waaqa tolfamaa worri Yihuudota hin taane waaqeffatan, jinni'iillee akka sagadanii fi waaqa tolfamaa isaatiifillee akka sagadan ufumaa gadoota muudate. Akkasuma gadoonni Rabbii Waaqa abboota ufiitiin ciincaa dhiyeessan worra Israa'elii keessaa worri Rabbii Waaqa Israa'eliitiif onnee ufii kennan maruu isa duukaa gara Yerusaalemii dhufan. Akki kun mootummaa biyya Yihuuda'aa hin jabeesse; woggaa sadihii guutuu ilma Solomoonii Roobi'aamiin gargaaran akkaataa mootichi Daawiti itti bulchee fi akkaataa mootichi Solomoon itti bulche hordofa'aa nagayaan jiraatan. Roobi'aam Mahaalaatiin fuudhe; abbaan isi'ii Iyyaarimuutii ilma Daawitiiti; haati isi'ii Abikaa'el mucatti Eeliyaabii ilma Isseyiiti. Isiin ijoollee dhiiraa Ye'uus, Samaaraya'aa fi Zahaamiin deetteef. Isi'iin maayessa inni Ma'aakaa mucattii Abeseloomii fuudhe; isiin ilmaan afurii Abiyaa, Ataayiin, Ziiza'aa fi Shaaloomiitiin deetteef. Roobi'aam haawwota manaa ufiitii fi ka ufii mata gala itti galu maraa caalaa Ma'aakaa mucatti Abeseloomii jaalate; inni haawwota manaa kudha saddeetii fi ta mata gala itti galu jahaatama qaba; ijoollee dhiiraa diddamii saddeetii fi ijoollee intalaa jahaatama uumate. Roobi'aam waan Abiyaa ilma Ma'aaka'aa mootii taasisuu barbaadeef obboleewwan isaanii irratti bulchaa godhee isa muude. Roobi'aam ogumma'aan ijoollee ufii akka isaan bulchoota ta'an isaan taasisee qachoota biyya Yihuuda'aatii fi qachoota biyya Biiniyaamii maraa irratti isaan muude; waan isaan barbaadan maraa akka argatan godhe; haawwota manaa baay'ee isaanitti fuudhe. Mootummaan Roobi'aamii akka misha'atti ijaaramee hennaa hunna argate inninii fi baniin Israa'elii maruu seera Rabbii dhiisan. Amanamummaan isaan Rabbiif qaban waan dhidhateef Roobi'aam mooyee woggaa shaneesso'ootitti mootiin biyya Misirii Shiishaaqi Yerusaalemiin irratti duule. Inni gaarii fardaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi worra farda yaabbatanii lolan kuma jahaatama qaba; loltoota mootii Shiishaaqiin woliin biyya Misiriitii dhufan worra gosa Liibiya'aa, Suukootaatii fi worri biyya Itoophiya'aa ka laakkobsaa ol ta'antu dhufe. Inni qachoota ijaaramte ta biyya Yihuuda'aa fudhatee gara biyya Yerusaalemii deebi'e. Raattichi Shamaayaan gara abboota murti'ii ka biyya Yihuuda'aatii fi worra mooticha Roobi'aamii fi Shiishaaqiin jalaa dheessanii gara Yerusaalemii dhaqanitti dhufee, «Rabbi akkana isiniin jedha ‹Isin na dhiifnaan anillee Shiishaaqiin jalatti isin dhiise› isiniin jedha» isaaniin jedhe. Abboonni murti'ii ka biyya Israa'eliitii fi mootichi yakka hojjatan amananii «Wonti Rabbi godhu maruu sirri'i» jedha'aa gad uf deebisan. Rabbi akka isaan gad uf deebisan haga arge dubbiin Rabbii gara Shaamaya'aa «Isaan waan gad uf deebisaniif ani isaan hin balleessu; guyyaa hago'oon maayessa ani isaan oolcha; ani isaaniin lolee Yerusaalemiin keessatti harka Shiishaaqiititti isaan hin kuffisu; garuu akka naa ajajamanii fi akka moototaa ajajamuu baratan isa jalatti bulan» jedhutu dhufe. Kanaaf mootiin biyya Misirii Shiishaaqi gara Yerusaalemii dhufee galmee mana Rabbii keessa jiruu fi galmee mana mooti'ii keessa jiru maraa fudhate; wontee baay'ee ka Solomoon worqi'iin hojjatellee hin fudhate. Mootichi Roobi'aam bikka san wontee sibiila diimaa irraa hojjatee bulchoota worra balbala mana mooti'ii eegan harka kaaye. Mootichi adaduma mana Rabbii seenuun worri balbala eegan wontee sanniin baadhatanii mootichaan marsan; haga mootichi deemeen maayessa garuu deebisanii mana bulchoota worra mana eeguu keessa kaayan. Mootichi Roobi'aam yakka hojjate haga beeke lolli Rabbii guddisee isa hin miine; biyya Yihuuda'aa maraa keessatti wonti maruu waan mishaa ta'e. Roobi'aam qachaa Yerusaalemii ta akka maqaan isaa itti waamamuuf biyya Israa'elii maraa keessaa Rabbi filate keessa jiraata'aa woggaa kudha torba bulche; bara ufii bulche mootummaa ufii hin jabeesse; inni hennaa mooyu nama woggaa afurtamii tokkooti; haati Roobi'aamii Naa'imaan nama biyya Amoonii keessatti dhalatte. Roobi'aam waan fedha Rabbii hawwuu dhabeef waan hamaa hojjate. Wonti mootichi Roobi'aam hojjate maruu jalqabaa irraa haga dhumaa, seenaan maatii isaallee kitaaba seena'aa ka raatticha Shaama'iitii fi raatticha Ado'oo keessatti barreeffameera; Roobi'aamii fi Iyyoorbi'aam hennaa maraa uduu addaan hin kunne wol lola'aa turan. Roobi'aam du'ee awwaala moototaa ka qachaa Daawitii keessatti argamutti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Abiya'atu mooye. Mootichi Iyyoorbi'aam mooyee woggaa kudha saddeetesso'ootitti Abiyaan biyya Yihuuda'aa irratti mooye. Inni Yerusaalemiin keessa jiraata'aa haga woggaa sadihii mooye; haati isaa Mikkayaan mucattii Uri'eelii nama biyya Gibi'a'aa keessatti dhalateeti. Abiya'aa fi Iyyoorbi'aamiin jiddu'utti lola gudda'atu ture; Hennaa san Abiyaan loltoota jajjabaa kuma dhibba afurii qabatee duulaaf baye; Iyyoorbi'aamillee loltoota jajjabaa kuma dhibba saddeetii filatee isatti duulu'uuf baye. Kanaan maayessa Abiyaan biyya Efreemii ka gaaraa tulluu Tsimaaraayii irra dhaabatee, «Iyyoorbi'aamii fi baniin Israa'elii maruu na dhagayaa'a! Daawitii fi ijoolleen isaa biyya Israa'elii irratti baraa haga bara baraa akka mooyan Rabbi Waandhi Israa'elii waadaa hin diiggamne ka sooqiddaatiin akka waadaa gale hin beettanii? Kun ta'ee uduu jiru Iyyoorbi'aam ilmi Naabaaxii ka Solomoonii hojjatu gooftaa ufii Solomooniin irratti ka'e. Worri waan hamaa hojjatanii fi womaawomteen isa bira dhaqanii hennaa Roobi'aam mucaa diqqaa ta'ee uf irraa isaan dhoogguu hin dandeenne Roobi'aamii ilma Solomooniititti ka'an. Isin amma baallii Rabbi fiixaa Daawitiitii kenne uggitanii mootummaa isaa dhiibu'uuf karoorfattaniirtan; karoorri keessan kun akka isinii raawwatu loltoota baay'ee duulchiftaniirtan; waaqa tolfamaa keessan ka fakii waati'ii ka Iyyoorbi'aam worqi'iin hojjachiisellee qabattanii dhuftaniirtan. Leewwota ijoollee Aaroonii ta gadoota Rabbii taatellee hin ariitan; bikka isaanii akkuma baniin kuuwwan godhan gadoota gootanii muudattan; nama jibicha tokkoo fi korbeeyyii hoolotaa torbaa qabatee uf woyyoomsu'uuf gara keessan dhufe maraa waaqa tolfamaa keessan ka sobaatiif gadaa gootanii muuddan. «Nu'uuf garuu Rabbi Waaqa keenna; nu isa hin dhiifne; hojjattoonni Rabbii gadoota ijoollee Aarooniiti; worri Leewwotaallee nu woliin hojjata'aaran. Ganamaa fi galgala ciincaa Rabbii ciincawuu fi hixaana urgaawu aarsan; xoroshoo woyyoome gabatee qulqulluu irratti baattuu ibsa'aa ka worqii irraa hojjatamee fi ka waan ibsan irra kaayanillee halkan halkan akka ibsuuf qopheessan; nullee ajaja Rabbii Waaqa keennaa hin eenna; isin garuu isa dhiiftan. Rabbi nu woliin jira; inni bulchaa keenna; worri gadootaa ka xurumbaa afuufanillee nu woliin jiran isin irratti xurumbaa afuufan; kanaafuu isin ijoollee Israa'elii! kun waan isinii hin taaneef Rabbii Waaqa abboota teessaniitiin hin lolinaa'a!» jedhe. Hennaa san Iyyoorbi'aam loltoota isaa keessaa garii dudda duuba loltoota biyya Yihuuda'aatiin riphanii akka isaaniin lolan, loltoota kaawwan garuu akka isaan loltoota Yihuuda'aa afomaan itti deemanii lolaniin taasise. Baniin Yihuuda'aa uf irra gara galanii duraa fi duubaan akka marfaman haga argan akka isaan gargaaruuf gara Rabbii iyyan; worri gadootaallee xurumbaa afuufan. Worri Yihuuda'aa gara Rabbii iyyinaan Rabbi Iyyoorbi'aamii fi Israa'eloota maraa Yihuuda'aa fi Abiyaa afo'otti isaan dhaye. Baniin Israa'elii banii Yihuuda'aa dheesse Rabbillee isaan dabarsee harka isaaniititti kenne. Abiya'aa fi baniin isaa worra Israa'elii dhayanii banii Israa'elii keessaa baniin kuma dhibba shanii worri filataman hin dhumatan. Hennaa san baniin Israa'elii hin salphatan; worri biyya Yihuuda'aa garuu waan Rabbii Waaqa abboota isaaniititti amananiif hin mooyatan. Abiyaan Iyyoorbi'aamiin lolee qachoota isaa Beeteelii fi ganda isi'ii, Yishaana'aa fi ganda isi'ii, Efroonii fi ganda isi'ii fudhate. Achiin maayessa Iyyoorbi'aam mana Abiya'aatitti hin jabaanne; Rabbi du'aan isa adabe. Abiyaan jabaatee haawwota manaa kudha afur fuudhee ijoollee dhiiraa diddamii lamaa fi ijoollee intalaa kudha jaha uumate. Wonti Abiyaan hojjate dubbiin inni dubbate kitaaba raatticha Ado'oo keessatti barreeffameera. Mootichi Abiyaan du'ee qachaa Daawitii keessatti awwaalan; bikka isaa ilma isaa Aasa'atu mooye; bara inni mooye biyyi haga woggaa kudhanii nagaya argatte. Aasaan Rabbii Waaqa ufii afo'otti waan misha'aa fi waan qajeelaa hojjate. Inni hulee ciinca'aa ka waaqa tolfama'aa, hulee itti sagadan ka gaara gubba'aallee diigee soodduullee caccabse. Muka jalatti waaqeffatanillee hin mure; baniin biyya Yihuuda'aa akka isaan Rabbii Waaqa abboota ufii soqan, ajajaa fi seera isaa akka raawwataniif isaan ajaje. Qachoota biyya Yihuuda'aa maraa keessaa hulee itti sagadan ka gaara irraatii fi fakii adu'uu maraa balleesse, mootummaan isaallee nagayaan jiraate. Qachaa Yihuuda'aa marattuu dallawa ijaare; Rabbi waan hara baafata isaa kenneef lafti nagayatti tarte; bara san namni isaan lolu hin jiru ture. Inni banii biyya Yihuuda'aa maraanuu, «Qachoota kanniin haa ijaarruu, dallawa dhaga'aatii fi balbala loosaallee itti haa ijaarruu, nu Rabbii Waaqa keenna waan waaqeffanneef lafti waan nu barbaanneef numa afoo jirti; Rabbillee naannoo keenna nagaya godheeraa» jedhe; isaanillee hojjatanii fixan. Mootichi Aasaan loltoota kuma dhibba sadihii ka wontee gugurda'aa fi meeshaa woraanaa hidhatan biyya Yihuuda'aa keessaa, worra ebo'oo fi wontee didiqqaa qabatan loltoota kuma dhibba lamaatii fi saddeettamaa biyya Biiniyaamii keessaa qaba ture; loltoonni kunniin maruu worra jajjabaa guddisanii leenji'an turan. Ziiri namni Itoophiya'aallee namoota miliyoonii tokkootii fi gaarii fardaa dhibba sadihii qabatee bayee gara Mariisa'aa dhufe. Aasaan isaan wol lolu'uuf bayee dhooqa Tsiifta'aa keessatti wolitti duulan. Hennaa san Aasaan «Yaa Rabbi! ati loltoota jajjaba'aa fi loltoota dadhabaallee gargaaruu dandeetta; Rabbi Waaqa keenna! Nu waan si hedanneef loltoota baay'ee kanaan lolu'uuf dhufneerraa yabo'oo nu gargaari; Rabbi Waaqa keenna! Ati Waaqa keenna waan taateef ka si mooyachuu danda'u hin jiru.» jedhee Rabbii Waaqa ufii kadhate. Rabbi banii Yihuuda'aatii fi Aasaa afo'otti worra Itoophiya'aa dhaye; isaanillee jalaa dheessan. Aasaanii fi baniin isa woliin jiru haga Geerara'aatitti worra Itoophiya'aa ari'anii isaan fixan. Worri Itoophiya'aa sunniin Rabbii fi banii san afo'otti haga badanitti waan mooyatamaniif waan isaan qaban baay'ee booji'anii isaan jalaa fudhatan. Rabbi guddisee waan isaan naasiseef qachoota naannoo Geerara'aa jiran maraa dhayanii waan qachaa san keessatti argan maraa saaman; Moonaa looniillee hin diigan; gaala baay'e'ee fi hoolotallee booji'anii gara Yerusaalemii galataniin. Hafuurri Rabbii Azaariyaasii ilma Oodeedii irratti bu'e. Azaariyaas mooticha Aasaa bira dhaqee «Aasaa mooticha! na dhagayi! isinillee banii Yihuuda'aatii fi banii Biiniyaamii na dhagayaa'a! isin yoo Rabbiin woliin jiraattan Rabbillee isin woliin jiraata; yoo isa barbaaddan isa argattan; yoo isa dhiiftan garuu innillee isin dhiisa. Baniin Israa'elii bara hedduuf Waaqa dhuga'aa uduu hin qabaatin seeraa fi gadicha isaan barsiisullee uduu hin qabaatin jiraata'aa turan. Hennaa rakkatan deebi'anii gara Rabbii Waaqa Israa'elii deebi'anii isa barbaannaan isa argatan. Bara san namni bayee galu maruu nagaya hin qabu; biyya maraa irrattuu sodaa gudda'atu ture. Rabbi waan rakkinna maraan isaan hucuuca'aa tureef firri fira woliin, qachaanillee qachaa woliin wol lola'aa turan. Isin garuu jabaadhaa'a; hin dadhabinaa'a; hujii mishaa hojjattan maraafuu gatii argattanii» isaaniin jedhe. Aasaan dubbii kanaaf raaga raatticha Oodeedii ilma Azaariyaasii haga dhagaye hin jabaate; biyya Biiniyaamiitii fi biyya Yihuuda'aa maraa keessaa, qachoota ufii qabate ka Efreemii biyya gaaraa keessaallee waan jibbamaa maraa balleessee hulee ciinca'aa ka Rabbii ka mana Rabbii afoo jiru haarawoomse. Rabbi Waandhi isaa akka isa woliin jiru haga argan banii Israa'elii keessaa namoonni isatti dhiyaatanii waan turaniif worra isatti dhufee isa woliin jiru ka biyya Yihuuda'aa, ka biyya Biiniyaamii, ka biyya Efreemii, ka biyya Minaase'eetii fi ka biyya Simoonii wolitti qabe. Isaan maruu mootichi Aasaan mooyee woggaa kudha shaneesso'oo ji'a sadeesso'oo keessa Yerusaalemitti wol gayan. Boojuu guyyaa san booji'an keessaa gaaf san sangoota dhibba torbaa fi hoolota kuma torbaa Rabbiif ciincessan. Rabbii Waaqa abboota isaanii onnee ufii guutu'uu fi garaa ufii guutu'uun isa waaqeffatu'uuf waadaa galan. Namni Rabbii Waaqa Israa'elii hin waaqeffanne nama guddaa ta'ee'e nama diqqaa'a, dhiira ta'ee'e intala akka ajjeefaman kakatan. Waadaa galan san eeguu ufii mirkaneessu'uuf laagaa ufii ol qabatanii maqaa Rabbiitiin kakatan; achiin maayessa xurumba'aa fi meeshaa laagaa guddaa dhageessisu ka faaru'uu afuufa'aa ililfata'aa gammachuu ufii ibsan. Namoonni biyya Yihuuda'aa maruu onnee ufii guutu'uun waadaa galuu ufiititti waan guddisanii gammadaniif Rabbiin barbaadan; Rabbillee isaan woliin ta'ee naannoo isaanii maraa nagaya godhe. Mootichi Aasaan akkawoon isaa waan waaqa tolfamaa hulee itti waaqeffatan jalatti hojjatteef hulee ulfinnaatii isii buusee waaqa tolfamaa isi'ii san caccabsee laga Qeediroonii biratti gube. Hulee itti sagadan ka gaara irraa garuu hin balleessine; Aasaan bara jireenna ufii maraa nama mishaa ture. Meeshaa adda addaa, birri'ii fi worqii inninii fi ka abbaan isaa woyyoomse sanillee gara mana woyyuu Rabbii ol galche. Bara Aasaan mooye haga woggaa soddomii shaneesso'ootitti sirima lolli hin jiru ture. Aasaan mooyee woggaa soddomii jaheesso'ootitti mootiin Israa'elii Ba'aas biyya Yihuuda'aa irratti ka'ee gara biyya Yihuuda'aa eennullee akka hin seenne qachaa Raama'aa ijaare. Kanaaf Aasaan mana woyyuu Rabbiitii fi qabeenna mooti'ii keessaa birri'ii fi worqii fuudhee Wolda'aadeerii mootii biyya Sooriya'aatiif ergee «Waadaan abbaan kiyyaa fi abbaan kee wolii qaban anaa fi si'i jiddu'uttillee akka ta'u birri'i fi worqii sii ergeera; akka inni na biraa fagaatu waadaa ati Ba'aasii mootii biyya Isaa'elii woliin qabdu diigi» jedhee nama itti erge. Wolda'aadeer waan mootichi Aasaan jedheen maarre jedhee ajajoota loltoota ufii gara qachoota Israa'elii erge; isaanillee Giyooniin, Daaniin, Abeelmaayimiimii fi mana meesha'aa ka biyya Niftaalemii maraa dhayanii qabatan. Ba'aas haga waan kana dhagaye qachaa Raama'aa ijaaruu dhiise; hujii sanillee hin dhaabsise. Mootichi Aasaan namoota Yihuuda'aa maraa wolitti qabee mukaa fi dhagaa dura qachaa Raama'aa ittiin ijaara'aa ture san guursisee Geeba'aa fi Mitsiphaa ittiin ijaare. Hennaa san Haanaani raattichi gara Aasaa mootii biyya Yihuuda'aa dhaqee, «Ati mootii biyya Sooriya'aa waan hedatteef, Rabbii Waaqa kee waan hin hedanneef duultonni biyya Sooriya'aa si harkaa yaa'an Namoonni biyya Itoophiya'aatii fi namoonni biyya Liibiya'aa duultota hedduu, gaarii fardaa hedduu fi worra farda yaabbatee lolu heddu qabaniimii? ati waan Rabbiin hedatteef Rabbi akka ati isaan mooyattu godhe; Rabbi waan hennaa maraa nama onneen isaa qulqullu'uu laaluuf ati amma waan hujii gowwumma'aa hojjatteef lolli si hin dhiisu» jedheen. Dubbiin inni dubbate mooticha Aasaa waan aarseef raatticha haada sibiilaatiin hidhee mana hidha'aatitti isa galche; hennaa san irraa jalqabee mootichi Aasaan banii keessaa namoota tokko tokko garaa itti jabaatee guddisee miidha'aa ture. Wonti mootichi Aasaan bara ufii bulchu hojjate jalqabaa haga dhumaa kitaaba seena'aa ka mootota Israa'eliitii fi ka biyya Yihuuda'aa keessatti barreeffameera. Mootichi Aasaan mooyee woggaa soddomii sagaleesso'ootitti luka dhibamee dhibeen sun itti jabaate; garuu ogeeyyii qorichaa barbaadate malee Waaqa hin barbaadanne. Aasaan mooyee woggaa afurtamii tokkeesso'ootitti du'e; reeffa isaa siree irra ciibsanii urgooftuu gara garaa ka ogeeyyiin wolitti qaban itti godhanii hulee abboonni isaa itti awwaalaman qachaa Daawitii keessatti awwaala ufii tolfate keessatti awwaalan; waan kabajjaa isaa gudda'aatiif qoraan guddisanii wol irra tuulanii bobeessan. Iyyoosaafixi bikka Aasaa abbaa isaa mootii ta'ee banii Israa'eliitiin lolu'uuf hunna ufii jabeeffate; Qachoota abbaan isaa mootichi Aasaan baadiyyaa qabate, qachoota bulchiinsa Efreemii jala jiran marattuu loltoota ufii duulchise. Iyyoosaafixi waan mishaa mootichi Daawiti hojjate ka abbaan isaa duukaa bu'e waan hordofeef waan waaqa tolfamaa ba'aal jedhamu hin waaqeffanneef Rabbi isa eebbise; Inni Waaqa abbaa ufii barbaade; ajaja isaa eege malee waan worri Israa'elii hojjatan hin hojjanne. Kanaafuu Rabbi mootummaan Iyyoosaafixii biyya Yihuuda'aa irratti akka jabaatu godhe; baniin biyya Yihuuda'aa maruu kennaa gara garaa qabatanii waan isaaf kenna'aa turaniif inni guddisee duroome. Inni onnee guutu'uun Rabbii hojjate; hulee waaqa tolfama'aa ka biyya gaaraa jiru ka worri Yihuudota hin taane waaqeffatuu fi fakii waaqa dubartii asheeraa jedhamtu ta biyya Yihuuda'aa keessa jirtu balleesse. Inni mooyee woggaa sadeesso'ootitti akka qachoota biyya Yihuuda'aa maraa keessatti barsiisaniif abboota murti'ii Beenihaayiliin, Abdiyaasiin, Zakkaariyaasiin, Naatinaa'elii fi Mikiyaasiin isaanii erge. Worra Leewwotaa keessaa Shamaayaa, Naataaniyaa, Zibaadiyaaniin, Asaaheel, Samiraamoot, Yoonaatiin, Adooniyaasiin, Xoobbiya'aa fi Xobaadoniyaa isaan woliin erge; worra gadootaallee Eelisaama'aa fi Iyyooraamiin isaan woliin erge. Isaanillee kitaaba seera Rabbii qabatanii qachoota biyya Yihuuda'aa maraa keessa deema'aa banii barsiisa'aa turan. Mootonni naannoo biyya Yihuuda'aa jiran Iyyoosaafixiin irratti akka hin duulleef Rabbi sodaa isaanitti buuse. Worra Filisxeemii keessaa namoonni gari gariin birri'ii fi kennaa biraa mootii Iyyoosaafixii kennan; worri biyya Arabaa gari gariin garuu hoolota kuma torbaatii fi dhibba torbaa, korbeeyyii re'iinii kuma torbaa fi dhibba torbaa fidaniif. Iyyoosaafixi guddisee jabaata'aa durooma'aa deeme; biyya Yihuuda'aa maraa keessatti ijaarsaaf hulee meeshaa woraanaa itti kaayanillee ijaare. Qachoota biyya Yihuuda'aa maraa keessatti hujii guddaa hojjate; Yerusaalemiin keessa loltoota jajjaba'atu jira. Akkaataan laakkobsa isaaniillee akkaataa manniin abboota isaaniitiin bulchaan bulchoota biyya Yihuuda'aa Aadina'a; Isa woliin namoota jajjabaa kuma dhibba sadihiititu jira. Isaan maayessallee Yohaanaan namoota kuma dhibba lamaa fi saddeettamaa bulcha. Isaan maayessa ka fedha ufiitiin Rabbiif uf woyyoomse Amaasiyaa ilma Zikiriiti; inni loltoota jajjabaa kuma dhibba lamaa bulcha. Biyya Biiniyaamii keessallee nama jabaa Eeldaahe'etu bulcha; inni loltoota jajjabaa buundhe'ee fi wontee qabatan namoota kuma dhibba lamaa bulcha. Isaan maayessa Yoozaabaati worra jajjabaa lolaaf qophaayan namoota kuma dhibba tokkoo fi saddeettama bulcha. Loltoonni kunniin maruu worra Yerusaalemiin keessatti Iyyoosaafixiin gargaaran uduu hin dabalatin worra hojjatti isaa hojjatan turan. Mootiin biyya Yihuuda'aa Iyyoosaafixi haga duroomee qabeenna argate maatiin isaatii fi maatiin Aki'aabii mootii Israa'elii akka wol fuudhan godhe. Woggaa hago'oon maayessa Iyyoosaafixi Aki'aabiin laalu'uuf gara qachaa Samaariya'aa dhaqe; Aki'aabi ulfinna Iyyoosaafixiitii fi worra isa woliin dhufaniif jedhee hoolota baay'e'ee fi loowwan baay'ee qalee nyaata isaanii qopheesse; Aki'aabi mooticha Iyyoosaafixiin akka inni qachaa Reemaatii biyya Gala'aadii keessa jirtu dhaqee isa woliin duulu kadhateen. Mootichi Israa'elii Aki'aabi mootii biyya Yihuuda'aa Iyyoosaafixiin «Na woliin qachaa Reemaatii biyya Gala'aadii keessa jirtu dhaxxaa?» jedhee gaafate. Iyyoosaafixi, «Ani akkuma keeti! baniin kiyyallee akkuma banii keetiiti lolaaf si woliin deema» jedheen. Iyyoosaafixi mootii Israa'eliitiin, «Duraan dursinee fedha Rabbii haa gaafannuu» jedheen. Mootichi Israa'elii raattota dhibba afurii wolitti qabee «Gara Reemaatii biyya Gala'aadiin keessa jirtuu lolaaf hin dhaqa mo'o hin hafa?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Rabbi dabarsee mootichaaf waan kennuuf dhaqi» jedhanii deebisaniif. Iyyoosaafixi garuu «Raanni Rabbii ka biraa ka waan kana gaafannu as hin jiruu?» jedhee gaafate. Mootiin Isaa'elii Iyyoosaafixiin «Namni waan Rabbi jedhe nutti himu tokko as jira; garuu inni hennaa maraa waan hamaa malee waan mishaa waan natti dubbatee hin beenneef ani isa hin jaaladhu innillee ilma Yimi'a'aa Mikkiyaas» jedhee deebiseef. Iyyoosaafixi mootichaan « Kana jechuu si hin barbaachisu!» jedheen. Mootichi biyya Israa'elii Aki'aabi worra goshoota ufii ka isa wolii hojjatan keessaa nama tokko waame «Daddafii Mikkiyaasiin soqii qabadhuu gara kiyya fidi» jedhee ajaje. Hennaa san mootiin biyya Yihuuda'aatii fi mootiin biyya Israa'elii uffata mootumma'aa uffatanii balbala seensa qachaa Samaariya'aa bira hulee itti gad bayan teessoo mootummaa ufii irra taa'aniiran; worri raattotaa garuu isaan afo'otti raaga dubbata'aa turan. Sedeqiyaas ilmi Kinaana'aanii gaafa sibiilaa hojjatee Aki'aabiin, «Rabbi ‹Haga worri Sooriya'aa badutti kanaan loltee mootee argatta› jedhe» jedhe. Raattonni biraallee jechuma kana jedhanii «Reemaatiin loli hin mooyattaa Rabbi mootee sii kennaa» jedhaniin. Ergamaan raatticha Mikkiyaasiin waamu'uuf dhaqe Mikkiyaasiin «Worri raattotaa kuuwwan afaan tokko ta'anii mootichatti waan mishaa dubbata'aaranii afaan keetii fi afaan isaaniillee akka tokko ta'u, akka waan mishaa dubbattu si kadhadha» jedheen. Mikkiyaas garuu «Dhugaa Rabbii! waan Rabbi naan jedhe callaa dubbadha» jedhee kakatee dubbate. Hennaa raattichi Mikkiyaas gara mootichaa dhaqe mootichi «Mikkiyaas! Reemaatii biyya Gala'aadii keessatti argamtuu dhandhee lolla mo'o hin dhiifna?» jedhee gaafate; raattichi mootichaan «Ka'ii deemi Rabbi mootee sii kennaa» jedhee deebiseef. Mootichi raatticha Aki'aabiin «Ani dhugaa malee dhara natti hin dubbatin jedhee maqaa Rabbiitiin harka meeqa si kakachiisa?» jedheen. Innillee loltoonni Israa'elii akka hoolota tissee hin qabneetitti gaara irratti ka bittinnaayaniiran arga'aara; Rabbillee ‹Kunniin masakkaa hin qaban isaan maruu nagayaan gara mana ufii haa deebi'anii gad dhiisaa'a› jedhee natti himeera» jedhee deebiseef. Mootichi Israa'elii Iyyoosaafixiin «Inni waan hamaa malee waan mishaa natti hin dubbatu siin hin jennee?» jedheen. Mikkiyaasillee, «Eeganaa dubbii Rabbii dhagayaa'a; Rabbi teessoo ufii ka ulfinnaa irra taa'ee, maleekkonni Sami'iillee bita'aa fi mirga isaatiin ka dhaabata'aaran arge; Rabbillee ‹mootiin Israa'elii Aki'aabi Reemaatii biyya Gala'aadii keessa jirtuu dhaqee akka achitti du'u ka isa sobu eennu?› jedhee gaafate; maleekkota keessaa gari gariin yaada biraa, gari gariin garuu yaada biraa dhiyeessan; dhuma irratti garuu hafuurri tokko gara Rabbii dhufee ‹ani isa sobuu hin danda'a› jedhe; Rabbillee ‹ati atta gootee isa sobuu dandeetta?› jedheen. Maleekkichillee ‹ani dhaqee afaan raattota Aki'aabii maraa keessatti hafuura sobaa ta'a› jedhee deebiseef; Rabbillee, ‹Eega jette dhaqi sii ta'aa› jedheen» Mikkiyaasillee mootichaan «Rabbi attamitti raattota tee maraa keessaa akka hafuura sobaa kaaye argitee? wonti waan kana godheef akka ati baddu waan si irratti murteesseef!» jedheen. Sedeqiyaas ilmi Kina'aanii gara Mikkiyaasii dhaqee dhabanaasa'aan dhayee «Karaa kamiin Hafuurri Rabbii na bira lufee sitti dubbate?» jedheen. Mikkiyaas garuu «Hennaa gara golaa luftee dhokattu argita» jedhee deebiseef. Hennaa kana mootiin Israa'elii Aki'aab loltoota ufii keessaa nama tokkoon «Raatticha Mikkiyaasiin qabii gara Amoonii bulchaa qachatti'iitii fi gara Yoo'aashii ilma mootichaa fidi; Isaan haga ani lolaa nagayaan deebi'utitti mana hidha'aatitti isa galchanii buddeena gogaa nyaata'aa bisaanuma callaa akka dhugu haa godhanii; kana maqaa kiyyaan isaanitti naa himi» jedhee ajaje. Raattichi Mikkiyaasillee «Ati yoo hulee lolaatii nagayaan deebite Rabbi natti hin dubbanne jechu'u jedhee laagaa ufii ol qabatee «Isin worri as jirtan maruu waan ani amma jedhe kana hubadhaa'a!» jedhe. Kanaan maayessa mootiin Israa'elii Aki'aabii fi mootiin Yihuuda'aa Iyyoosaafixi gara Reemaatii biyya Gala'aadiin keessa jirtuu lolaaf dhaqan. Mootichi Israa'elii Iyyoosaafixiin «Ani uffata kiyya jijjiiradhee gara lolaa seenaa ati garuu uffatuma kee uffadhu» jedheen; kanaaf mootichi Israa'elii uffata ufii jijjiiratee gara lolaa seenan. Mootichi biyya Sooriya'aa, «Aki'aabii mootii biyya Israa'elii fooya'aa ajjeesaa malee ka biraa eennuun irrattillee balaa hin buusinaa» jedhee bulchoota loltoota gaarii fardaatiin lolan ajaje. Kanaaf bulchoonni loltoota gaarii fardaatiin lolanii hennaa Iyyoosaafixiin argan mootii Israa'eliiti jedhanii marsanii lolu'uuf ka'an; Iyyoosaafixi garuu iyyinaan Rabbi isa gargaaree loltoota san irraa deebise. Bulchoonni loltoota gaarii fardaatiin lolanii akka inni mootii Israa'elii hin taane haga argan isa ari'uu dhiisan. Garuu loltuu biyya Sooriya'aa tokko ebo'oon darbatee kalee isaa kolba inni hidhaana hidhatuun woraane mootichi namicha gaarii fardaa oofuun «Ani woraannamee madaayeera kanaafuu gaarii fardaa uf irra deebisii hulee lolaa kanaa bayi!» jedhee isa ajaje. Guyyaa san lolli hin jabaate; mootiin Israa'elii Aki'aabi biyya Israa'elii afo'otti gaarii fardaa irratti irkatee isaanitti mudhata'aa ture; hennaa aduun dhiite hin du'e. Mootichi biyya Yihuuda'aa Iyyoosaafixi gara Yerusaalemii mana ufii nagayaan deebi'e; Iyyuun ilmi Aanaanii raattichi mooticha Iyyoosaafixiin «Ati worra hamaa hojjatuu fi worra Rabbiin jibbu woliin wol ta'uun kee mishaa sitti fakkaataa? Wonti hamaan ati goote kun akka Rabbi siin lolu si taasiseera; garuu waan gari garii mishaa gooteerta; wonti mishaan ati goote waaqa tolfamaa Asheeraa jedhamtu ta baniin waaqeffatu, fakii maraa lafa irraa balleessiteerta; fedha Rabbii beeku'uuf badaddeerta» jedheen. Iyyoosaafixi Yerusaalemiin keessa jiraatee Beersaabeehii jalqabee haga biyya gaaraa ka Efreemii banii maraa gara Rabbii Waaqa abboota isaanii deebise. Biyya maraa qachoota ijaaramte ta biyya Yihuuda'aa maraa keessa abboota murti'ii kaaye. Inni abboota murti'iitiin «Hennaa murtii kennitan akka Rabbi isin woliin jiru beeka'aatii uf eeggadhaa'a; wonti murteessitan nama gammachiisu'uuf uduu hin taane Rabbiin gammachiisu'uuf. Isin garuu Rabbiin bira nama wol caalchisuun, yakki, dharaan nama irraa waa fudhachuun waan hin jirreef Rabbiin sodaadhaa'a; waan murteessitan maraa uf eeggata'aa murteessaa'a» isaaniin jedhe. Iyyoosaafixi worra leewwotaa keessaa, worra gadootaatii fi bulchoola abboota Israa'elii keessaa, worra maqaa Rabbiitiin murtii qajeelaa murteessan Yerusaalemiin keessatti muude; «Rabbiin Sodaata'aa onnee qajeela'aan hojjadhaa'a» jedhee isaan ajaje; isaanillee Yerusaalemiin keessa jiraatan. «Rabbiin sodaata'aa onnee qajeela'aan Rabbiif hojjadhaa'a; Worra keessan ka qachoota keessa jiraatan keessaa yaada qabatee gara keessan yoo dhufe, waan nama ajjeecha'aatiif yookaan waan seera biraatiif seera tuma namni tumatuu fi ajaja diiguullee yoo ta'e akka Rabbiin hin yakkineef isinii fi obboleewwan keessan irratti lolli Rabbii akka hin dhufne isaan uf eeggachiisaa'a, yoo waan kana gootan isin yakkamtoota hin taatan. Waan waan Rabbiitiif ta'u maraa bulchaa gadootaa maraa keessaa Amaariyaa, waan mootichaa maraaf garuu bulchaa gosa Yihuuda'aa keessaa Zibaadiyaa ilma Yisimaa'elii isin irratti moosiseera; worri Leewwotaallee isin bulchan isin waan kana maraa jabaadha'aa hojjadhaa'a! Rabbi worra waan mishaa hojjatu woliin haa ta'u!» jedhee seera isaaniif kenne. Kanaan maayessa ijoolleen Moo'aabiitii fi ijoolleen Amoonii worri Mi'uunootaallee Iyyoosaafixiin lolu'uuf yaa'an. Namoonni oduu odeessan dhufanii Iyyoosaafixiin «Galaana gama biyya Eedoomiitii loltoonni jajjaboonni baay'een dhufanii Haseboonii Taamaarii ta Ayingaad jedhamtu keessa jiran» jedhanii itti himan. Iyyoosaafixi guddisee waan sodaateef akka Rabbi fedha ufii itti mudhisuuf biyya Yihuuda'aa maraa keessatti soomanii akka Waaqa kadhatan labsii labse. Namoonni biyya Yihuuda'aa maruu akka Rabbi isaan gargaaruuf Waaqa kadhachu'uuf dafanii gara Yerusaalemii dhaqan. Iyyoosaafixi banii Yihuuda'aatii fi banii Yerusaalemii jidduu mana Rabbii keessa hulee itti gad bayan haarawa irra dhabatee, «Yaa Waaqa abboota teennaa! Waandhi samii jiru si'ii mii? mootummaa worra Yihuudota hin taaneellee ka bulchu si'ii mii? Hunnaa fi dandeettiillee hin qabda; ka si mooyachuu danda'u hin jiru. Yaa Waaqa keenna! worra Yihuudota hin taane ka biyya kana keessa jiran banii kee Israa'eliin ariitee ka Abrahaamii jaalalloo keetiif baraa haga bara baraa fiixaa kennite si'ii mii? Isaanillee lafa san irra jiraatan; maqaa keetiifillee mana woyyuu itti ijaaranii ‹Nu adabu'uuf lola, beela waan akkanaa kanniin yoo nu irra geessite gara mana woyyuu maqaan kee itti waamamuu dhufnee isa afoo dhaabannee akka ati rakkoo kanniin irraa nu hambiftu si kadhanna; atillee kadhaa keenna nuu dhageettee rakkoo keenna irraa nu oolchita› jedhaniiti. «Ammallee yabo'oo banii Amoonii, banii Moo'aabiitii fi banii Eedoomii laali! isaan balaa nutti buusaniiran; abbootiin teenna ta durii hennaa biyya Misiriitii yaa'an ati banii kee Israa'eliin akka isaan bulchiinsa isaanii keessa seenaniif isaanii hin eeyyamne; abbootiin teenna ta durii isaan irraa goranii lufan malee isaan hin balleessine. Jasaa nu isaanii gooneef isaan waan hamaa nuu deebisu'uuf lafa ati nuu kennite keessaallee nu baasu'uuf dhufaniiran. Waaqa keenna! ati isaanitti hin murteessituu? banii guddaa nuun lolu'uuf nutti dhufe kana uf irraa qabu'uuf hunna hin qabnu; waan goonullee hin beennu; garuu ijji teenna sima laalti» jedhaniin. Baniin biyya Yihuuda'aa maruu haawwota manaa ufiitii fi ijoollee ufii maraa woliin manuma woyyuu Rabbii afoo dhaabataniiran. Hennaa san Hafuurri Rabbii nama Leewwi'ii tokko ka banii keessa jiru irratti bu'e; namichi Leewwi'ii kun ilma Zakkaariyaasii Yizihi'eel jedhamuuti. Inni karaa Maataanaya'aatiin gosa Yi'eeliitii fi karaa Banaaya'aatiin garuu gosa Asaafiiti. Yizihi'eel «Baniin biyya Yihuuda'aa maruu worri Yerusaalemiin keessa jiraatanii fi atillee mootichi Iyyoosaafixi na dhagayaa'a! Rabbi ‹lolli ka Rabbiiti malee keessanii miti banii guddaa kana laaltanii hin sodaatinaa'a; hin nayinale'e; kanaaf boru dhaqa'aa isaaniin lolaa'a; isaan karaa goodda Tsiiniitiin bayanii dhuma dhooqa lafa gammoojji'ii Yiru'eeliin afo'otti isaan argitanii. Isin ufii hin loltan isin biyyi Yihuuda'aatii fi biyyi Yerusaalemii! lolaaf hiriira'aa cadhisa'aa dhaabadhaa'a! Rabbi akka mootee isinii kennu hin argitanii Rabbi waan isin woliin jiruuf hin sodaatinaa'a; hin nayinaa'a; boru isaanitti duulaa'a!» isaaniin jedhe. Kanaan maayessa Iyyoosaafixi kallachaan gad jedhee sagade; biyyi Yihuuda'aatii fi worri Yerusaalemiin keessa jiraatan maruu Rabbiin afo'otti kufanii Rabbii sagadan. Worri leewwotaa ijoolleen Qaatiitii fi ijoolleen Qore'ee laagaa ufii ol qabatanii dhaabatanii Rabbii Waaqa Israa'elii galatoonfatan. Bariisaa san ka'anii lafa gammoojji'ii Teequhee dhaqu'uuf hennaa ka'an Iyyoosaafixi ka'ee dhaabatee «Isin baniin Yihuuda'aatii fi baniin Yerusaalemiin keessa jiraattan na dhagayaa'a! Rabbii Waaqa keessan amanaa'a; wonti maruu isinii qajeelaa» isaaniin jedhe. Inni banii woliin mari'atee uffata worri faarfattootaa ka hennaa ayyaanaa uffatan uffatanii faaruu «Jaalalli isaa baraa haga barabaraa waan ta'eef Rabbiin galatoonfadhaa'a!» jedhu faarfata'aa loltoota afoo akka deeman ajaje. Hennaa faaruu faarfatanii Rabbiin galatoonfatuu jalqaban ijoollee Amooniitii fi ijoollee Moo'aabii ta gaara Seeyirii irraa dhufanitti loltoota dhossa'aan isaanitti fidee isaan dhaye. Ijoolleen Amooniitii fi ijoolleen Moo'aabii worra gaara Seeyirii gubbaa jiru sirima dhayanii isaan balleessu'uuf isaanitti ka'an; haga banii san fixaniin maayessa ufumaa wolitti gara galanii wol fixan. Namoonni Yihuuda'aa hennaa gara lafa gammoojji'ii dhufanii diintota ufii laalan reeffa namootaa lafatti argan; achi keessaa namni tokkollee hin hafne. Kanaan maayessa Iyyoosaafixii fi baniin dhufanii boojuu booji'u'uuf hennaa dhufan horii baay'e'ee fi mi'a gara garaa, uffataa fi mi'a guddisee bareedu arganii saaman; waan saaman kana baadhachuu dadhaban; wonti isaan booji'an waan baay'ee ta'eef haga guyyaa sadihii guuratan. Guyyaa arfeesso'ootitti hulee «Dhooqa eebbaa» jedhamutti wol gayanii achitti Rabbiin galatoonfatan; Kanaaf huleen sun haga adhaa «Dhooqa eebbaa» jedhame. Achiin maayessa baniin Yihuuda'aatii fi baniin Yerusaalemii Iyyoosaafixi isaan masakka'aa waan Rabbi diintota isaanii akka mooyatan isaan taasiseef guddisanii gammada'aa gara Yerusaalemii deebi'an. Hennaa achi gayan meeshaa faaruu faarfataniin ka sagalee guddaa kennuun, masiinqo'oo fi xurumbaa afuufa'aa gara mana woyyuu Rabbii seenan. Mootonni biyya maraa akka Rabbi diintota Israa'eliitiin lole haga dhagayan guddisanii Rabbiin sodaatan. Kanaaf Iyyoosaafixi nagayaan biyya bulche. Rabbillee karaa maraanuu nagaya isaa kenne. Iyyoosaafixi hennaa mootii ta'e nama woggaa soddomii shanii ture; inni Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa diddamii shanii bulche; haati isaa Azubaan mucatti Shilihiiti. Iyyoosaafixi akkuma Aasaa abbaa ufii Rabbiin afo'otti waan mishaa hojjate. Garuu hulee itti sagadan ka gaara gubbaa jiru hin balleessine; baniinillee gara Rabbii ufii gara Waaqa abboota isaanii onnee ufii guutu'uun hin deebine. Iyyoosaafixi bara ufii mooye irraa jalqabee haga dhuma bulchiinsa ufii wonti mishaan inni hojjate maruu kitaaba seena'aa ka Iyyuu ilma Anaanii kitaaba mootota Israa'elii keessatti barreeffameera. Kanaan maayessa mootiin biyya Yihuuda'aa Iyyoosaafixi Akaaziyaasii mootii biyya Israa'elii ka hujiin isaa hama'aa woliin wolii gale. Isaan lachuu wol ta'anii markaba hedduu ka galaana guddaa Tarseesii ceeyaniin Etsiyoon-Gaabiritti hojjachiisan. El'eezer ilmi Doodaya'aa ka biyya Mariisa'aa «Ati waan Akaaziyaasiin wolii galteef Rabbi hujii kee diigeera» jedhee Iyyoosaafixitti haga dubbate markaboonni sunniinillee caccabanii gara Tarseesii deemuu dadhaban. Iyyoosaafixi du'ee qachaa Daawitii keessa hulee abboonni isaa itti awwaalamanitti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Iyyooraamitu mooye. Iyyooraam ilmi Iyyoosaafixii mootiin biyya Yihuuda'aa obboleewwan jaha qaba ture; isaanillee Azaariyaas, Yihi'eel, Zakkaariyaas, Azaariyaas, Mikaa'elii fi Safaaxiyaasiin fa'a; kunniin maruu ijoollee Iyyoosaafixii mootii biyya Yihuuda'aati. Abbaan isaanii ijoollee ufiitiif kennaa hedduu birri'ii fi worqii, mi'a gatiin isaa gudda'aatii fi qachoota biyya Yihuuda'aa keessatti ijaaramte isaanii kenne; baallii ufii garuu Iyyooraam ilma isaa ka hangafaa waan ta'eef Iyyooraamii kenne; Iyyooraam haga mootummaa ufii jabeeffate obboleewwan ufiitii fi abboota murti'ii ka biyya Israa'eliillee guraade'een fixe. Iyyooraam hennaa moowu nama woggaa soddomii lamaa ture; inni Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa saddeeti bulche. Inni dubartoota Aki'aabii keessaa intala takka fuudhee fakkeenna mootii Aki'aabiitii fi fakkeenna badaa mootota Israa'elii ka biraallee hordofee Rabbiin afo'otti cubbuu hojjate. Rabbi garuu mootummaa Daawitii balleessuu hin barbaanne; wonti kun ta'eef Rabbi waan armaan dura Daawitii waadaa galeef fiixaan Daawitiillee uduu adda hin cinne akka mooyan Rabbi waan abdii isaa kennee tureef. Bara Iyyooraam mootii ta'eeru keessa Eedoom biyya Yihuuda'aa diddee fottoxxee mootummaa ufii dhaabatte. Sababaa kanaaf Iyyooraam ajajoota loltoota ufiitii fi worra gaarii fardaa yaabbatanii lolan qabatee Eedoomitti duule; achitti loltoota Eedoomii marsanii dhayan. Mootichi Iyyooraam Rabbii Waaqa abboota ufii ka durii waan dhiiseef hennaa san irraa jalqabee Eedoom biyya Yihuuda'aa irraa gara gara baatee mootummaa ufii dhaabattee haga adhaatitti akka diinaatitti wol laalan; hennama san qachaan Libina'aallee biyya Yihuuda'aatitti kaate. Inni deebi'ee gaara Yihuuda'aa irratti hulee waandhi tolfamaan itti waaqeffamu hojjate; worra Yerusaalemiin keessa jiran akka achitti sagadan taasisee banii Yihuuda'aallee dogoggorse. Kanaan maayessa raattichi Eeliyaas xalayaa «Rabbi Waandhi Daawitii abbaa keetii, ‹Ati karaa abbaa keetii karaa Iyyoosaafixiitii fi karaa Aasaa mootii biyya Yihuuda'aatiin waan hin deemneef, ati garuu karaa mootota biyya Israa'eliitiin waan deemteef, akkuma mootiin Aki'aabi godhe worra Yihuuda'aatii fi worra biyya Yerusaalemii keessa jiraatan akka waaqa tolfamaa waaqeffatan taasiftee obboleewwan tee ta sirra woyyaa ta'an waan ajjeefteef, Rabbi banii keetii fi ijoollee tee, haawwota manaa teetii fi waan ati qabdu maraa balaa gudda'aan dhaya. Atillee dhukkuba guddaa madhumaaniitiin qabamtee haga madhumaan kee si keessaa bawuutitti dhibee badaa kanaan rakkatta› siin jedha» jedhee ergeef. Worra Itoophiya'aa ka galaana biratti quphatanii jiraatan bira worri Filisxeemiitii fi worri biyya Arabaa jiraata'aa turan; Rabbi isaan akka mooticha Iyyooraamiin lolan taasise. Isaanillee biyya Yihuuda'aatitti duulanii mana mootumma'aa maraa diiganii saaman; meeshaa mooti'ii ka mana mootumma'aa keessa jiru saamanii mucaa maandha'aa Akaazii ilma Iyyooraamii malee haawwota manaa mooti'iitii fi ijoollee maraa booji'an. Kanaan maayessa Rabbi dhibee inni hin fayyineen madhumaan isaa dhaye; dhibeen isaa haga wogga lamaa waan itti jabaata'aa deemeef madhumaan isaa keessaa bayee akka malee dhibamee du'e; baniin akka tanaan dura seera abboota ufiitiif godha'aa turan san ulfinna isaatiif ibidda hin bobeessine. Iyyooraam hennaa mootii ta'u nama woggaa soddomii lamaa ture; Yerusaalemiin keessa taa'ee woggaa saddeeti bulche; hennaa inni du'e eennullee hin gaddineef; qachaa Daawitii keessatti isa awwaalan malee awwaala moototaa biratti isa hin awwaalle. Worri Yerusaalemiin keessa jiraatan Akaaziyaasii mucaa maandha'aa bikka Iyyooraamii moosisan; worri biyya Arabaatii fi worri isaan woliin jiran hangafoota isaa waan fixanii turaniif Akaaziyaasii ilma Iyyooraamii moosisan. Akaaziyaas hennaa moowu nama woggaa diddamii lamaa ture; Yerusaalemitti woggaa tokko bulche; haati isaa Gotoliyaan mucattii Zambariiti. Haati isaa waan waan hamaa isa gorsituuf innillee akkuma maatii Aki'aabii hammeenna hojjate. Haga abbaan isaa du'een maayessa hammeennuma maatiin Aki'aabii hojjate san hojjate, worri isa gorsu sunniin haga badanitti isa gorsa'aa turan. Innillee gorsa isaanii hordofee Iyyooraamii ilma Aki'aabii mootii Israa'elii woliin mootii biyya Sooriya'aa Azaaheliin Reemaatii biyya Gala'aadii keessa jirtu keessatti lolu'uuf dhaqee worri biyya Sooriya'aa isa madeessan. Inni hennaa mootii biyya Sooriya'aatiin Reemaatii biyya Gala'aadiititti wol lole madaa worri biyya Sooriya'aa isa madeessan san yaalamu'uuf gara Yisiraa'elii dhaqe; Iyyooraam waan madaan sun guddisee isa dhukkubuuf mootiin biyya Yihuuda'aa Iyyooraamiin gaafachu'uuf isa bira dhaqe. Wonti Akaaziyaas Iyyooraamiin gaafachu'uuf deemeef Rabbi akka Akaaziyaas isa laalu'uuf dhufuu isaatiin akka Akaaziyaas badu waan barbaadeef; hennaa Akaaziyaas Iyyooraamiin bira jiru isaan lachuu Iyyuu ilma Naameesii ka Rabbi mootummaa Aki'aabii balleessu'uuf filate simachu'uuf bayan. Iyyuun hennaa mana mooticha Aki'aabii irratti murtii Rabbi kenne san raawwata'aa jiru, abboonni murti'ii ta biyya Yihuuda'aatii fi obboleewwan Akaaziyaasii ta Akaaziyaasiin gargaara'aa turan maraa argee ajjeese. Akaaziyaasiinillee soqanii Samaariyaa keessatti isa arganii Iyyuu bira fidanii isa ajjeesan; akaakayyuun isaa garuu Iyyoosaafixi qajeellumma'aan waan Rabbiif hojjata'aa tureef kabajjaa isaatiif jedhanii reeffa isaa awwaalan; fiixaa Akaaziyaasii keessaa namni mootii ta'u tokkollee hin hafne. Gotoliyaan haati Akaaziyaasii akka ilmi isi'ii du'e haga argite kaatee fiixaa mootota Yihuuda'aa maraa fixxe. Yoosaabeeti mucattiin mootichaa garuu ijoollee mooticha Akaaziyaasii keessaa Iyyoo'aasiin fuutee dhossite; isaa fi ta isa guddiftullee golatti dhossite; akka kanatti isiin Iyyoo'aasiin dhossitee Gotoliyaa harkatti akka hin duune goote. Bara mootittiin Gotoliyaan bulchite, Iyyoo'aas mana woyyuu keessatti haga woggaa jahaa guutuu dhokatee jiraate. Woggaa torbeesso'ootitti gadichi Yoodaaheen ajajoota loltoota dhibbaa Azaariyaasii ilma Yirohaamii, Yismaa'elii ilma Yihohanaanii, Azaariyaasii ilma Oobeedii, Maaseyaa ilma Adaaya'aa, Elishaafaaxii ilma Zikirii woliin waadaa galan. Isaan biyya Yihuuda'aa maraa naannayanii qachoota biyya Yihuuda'aa maraa keessaa worra Leewwotaatii fi bulchoota gosa Israa'elii maraa wolitti qabanii gara Yerusaalemii dhufan. Gumiin maruu mana woyyuu Rabbii keessatti mooticha woliin waadaa galan; gadichi Yoodaaheen bani'iin «Rabbi akkuma waan ijoollee Daawitii dubbatetti ilmi mootichaa hin mooya. Wonti isin gootan gadootaa fi worra Leewwotaa ka guyyaa sambataa mana woyyuu keessatti hojjatan keessaa harka sadihii keessaa harki tokko seensa balbala mana woyyu'uu haa eeganii. Harka sadihii keessaa harki tokko mana mooti'ii haa eeganii, harka sadihii keessaa harki tokko hulee «Karaa hundee manichaa» jedhamu haa eeganii, baniin maruu hulee itti gad bayan ka mana woyyu'uu haa taa'anii. Worra gadootaatii fi worra Leewwotaa malee namni tokkollee mana woyyuu Rabbii keessa akka hin seenne; isaan waan woyyoota ta'aniif mana woyyuu Rabbii keessa haa seenanii, baniin maruu seera Rabbii haa eeganii. Worri Leewwotaa meeshaa lolaa qabatanii mooticha haa marsanii, namni mana woyyuu Rabbii keessa seenu haa ajjeefamuu, mootichi hennaa manaa bawuu fi hennaa galu isa biraa hin dhabaminaa'a» jedhe. Worri Leewwotaatii fi worri Yihuuda'aa maruu waan Yoodaaheen gadichi isaan ajaje maraa raawwatan; Yoodaaheen gadichi worra Leewwotaa ka guyyaa Sambataa hujii ufii fixatanii hara baafatuu isaan barbaachisu hin geegessine; kanaafuu worri hujii eeddo'ootitti bobba'anii eeganii fi worri guyyaa san hin eennellee achuma waan jiraniif ajajoonni loltootaa namoota isaan gargaaran qaban. Yoodaaheen gadichi wonte'ee fi woraana mooticha Daawitii ka mana Rabbii keessa jiru gugurda'aa fi didiqqaa fuudhee ajajoota loltoota dhibbaatiif kenne. Yoodaaheen baniin maruu woraana harkatti qabatanii akka naannaya'aa mana mootichaa marsanii bita'aa fi mirgaan hulee ciinca'aatii fi ladda manaatiin dhaabatan godhe. Kanaan maayessa Yoodaaheenii fi ilmaan isaa Iyyoo'aasiin gad baasanii mataa isaa irra kallacha ulfinnaa kaayan; seera ittiin bulmaata mootichaatiif ta'u barreeffama fuula tokko itti kennan; akkaataa kanaan Yoodaaheen gadichinii fi ijoolleen isaa Iyyoo'aasiin muudanii moosisan; baniin maruu laagaa ufii ol qabatanii «Mootichi bara dheeraa haa jiraatu!» jedha'aa gammachu'uun dubbatan. Gotoliyaan worra fiiganii fi worra mooticha galatoonfatan haga laagaa bani'ii dhageette gara baniin jiru gara mana woyyuu Rabbii dhufte. Mootichi utubaa seensa balbalaa bira ajajoota loltootaa fi worra ergaman woliin ka dhaabateeru argite; baniin biyyaa maruu gammadanii xurumbaa afuufa'aa turan; worri faarfattootaallee meeshaa faaru'uutiin faaruu galataa faarfata'aa turan; Gotoliyaan garuu aartee uffata ufii tarsaaftee «kun fincila! kun fincila!» jedha'aa iyyite. Yoodaaheen gadichi akka isiin mana woyyuu keessatti duutu hin barbaanne; kanaafuu worra loltoota irratti muudaman ajajoota loltoota dhibbaatiin, «Gara waardiyyoota bita'aa fi mirgaan hiriiranii gad isii baasaa'a; namni du'a isii oolchu'uuf yaalu haa ajjeefamuu» jedhee ajaje. Worri ajanyi itti kenname isii qabanii gara mana mootumma'aa fidanii «Hulee balbala seensa farado'oo» jedhamee waamamu biratti isii ajjeesan. Yoodaaheen gadichi, mootichi Iyyoo'aasii fi baniin maruu banii Rabbii ta'anii akka woyyumma'aan jiraatan waadaa seensise. Kanaan maayessa baniin maruu gara mana waaqa tolfamaa Ba'aalii dhaqanii diiganii hulee ciinca'aatii fi fakii maraa bulleessan; Maataanii gadicha waaqa tolfamaa Ba'aalii hulee ciinca'aa afo'otti ajjeesan. Yoodaaheen akkuma seera Muuse'ee irratti barreeffame akka ajaja Daawitiititti gammachu'uu fi faaruu faarfata'aa ciincaa ciincawu Rabbiif akka dhiyeessaniif worra gadootaatii fi worra Leewwotaa ka Daawiti mana woyyuu Rabbii keessa qooda huji'ii isaanii kenne hujii mana woyyu'uu irratti isaan muude. Namni waan maraanuu hin woyyoomne gara mana woyyuu Rabbii akka hin seenne worra balbala mana woyyuu Rabbii eegu kaaye. Ajajoota loltoota dhibbaa, manguddoota biyyaa ka ulfinna qaban, bulchoota bani'iitii fi banii biyya maraa Yoodaahee woliin mana woyyu'uu jalqabee haga mana mootumma'aatitti mooticha marsanii woliin deemanii seensa balbala guddaa ol aanu ka mana mootumma'aatiin seenan; mootichi garuu teessoo mootummaa ufii irra taa'e. Baniin maruu guddisanii gammadan; Gotoliyaan waan ajjeefamteef qachattiin nagaya taate. Iyyoo'aas hennaa mooyu mucaa woggaa torbaa ture; Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa afurtamaa bulche; haati isaa Saabiyaan nama biyya Beersaabeehiiti. Mootichi Iyyoo'aas bara gadicha Yoodaahe'ee Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate. Yoodaaheen haawwota manaa lama fuudhee ijoollee intalaatii fi ijoollee dhiiraa uumate. Kanaan maayessa mootichi Iyyoo'aas mana woyyuu Rabbii haarawoomsu'uuf murteeffate. Kanaaf inni worra gadootaatii fi worra Leewwotaa wolitti qabee «Gara qachoota biyya Yihuuda'aa maraa dhaqa'aa birrii mana Rabbii Waaqa keennaa wogga wogga'aan ittiin haarawoomsinuun wolitti qabaa'a» jedhee isaan ajaje; worri Leewwotaa garuu waan kana lash jedhan. Mootichi Yoodaaheen bulchaa Leewwotaa waamee «Maaf gibira Muuseen garbichi Rabbii waan ijaarsa daasee Rabbii ka raga'aa banii Israa'elii maraa akka yaasuuf ajaje ati worra Leewwotaa hin jajjabeessine?» jedhe. Worri dubartittii hamtuu Gotoliyaa jedhamtu hordofan mana woyyuu Rabbii balleessanii turan; meeshaa mana woyyuu Rabbii keessatti ittiin hojjatan maraa waaqa tolfamaa Ba'aal jedhamuuf seera waaqeffamuu isaatiif itti fayyadama'aa turan. Akkuma mootichi Iyyoo'aas isaan ajaje saanduuqa birrii keessa kaayan hojjatanii balbala mana woyyuu Rabbii bira diida kaayan. Isaanillee gibira garbichi Rabbii Muuseen lafa gammoojji'ii keessatti seera baase akka Rabbii fidaniif banii Yerusaalemiitii fi banii Yihuuda'aatitti labsii labsan. Baniinii fi bulchoonni bani'ii gammada'aa birrii fidanii saanduundhi haga ol guututti keessa kaayan. Worri Leewwotaa saanduuqa san qabatanii hojjattoota mootumma'aa bira hennaa geessan gadichi ol'aanaan mootichaatii fi ka mootichaa waa barreessu akka saanduuqa keessa birriin guute haga argan dhufanii birrii san saanduuqa keessaa baasanii saanduuqa san hulematti deebisa'aa turan; akkasuma guyya guyya'aan saanduuqa keessaa birrii hedduu baasa'aa hulee tokkotti birrii hedduu wolitti qaba'aa turan. Mootichinii fi Yoodaaheen birrii san fuudhanii worra hujii mana woyyuu Rabbii akka haarawoomsaniif filatamanitti kennan; isaanillee worra mana woyyuu Rabbii haarawoomsan, worra dhagaa baqassanii fi worra muka bocan, worra sibiilaa fi sibiila diimaa hojjatuun ittiin qaxaran. Hojjattoonni mana woyyuu hojjatanillee jabaatanii hojjatanii akka manni woyyuun dura jirutti akka misha'atti haarawoomsan. Hennaa hujii hojjatanii fixan birrii hafe fuudhanii mooticha Iyyoo'aasii fi gadicha Yoodaahe'etti kennan; isaanillee birrii kana fuudhanii meeshaa mana Rabbii, meeshaa hujii mana woyyu'uutii fi meeshaa ciincaan adda addaa itti dhiyaatu, saanii hedduu fi meeshaa gara garaa ka biraa ittiin bitan; bara Yoodaaheen lubbu'uun jiru maraa hennaa maraa mana Woyyuu keessatti ciincaan dhiyaata'aa ture. Gadichi Yoodaaheen jaaree woggaa dhibbaa fi soddomatti du'e. Jasaa inni waan mana woyyuu Rabbiitii fi waan banii Israa'eliitiif hojjateef qachaa Daawitii keessatti hulee mootonni itti awwaalaman biratti isa awwaalan. Haga gadichi Yoodaaheen du'e bulchoonni biyya Yihuuda'aa mooticha Iyyoo'aasiin bira dhaqanii gad jedhanii nagaya gaafatanii yaada ufii itti himatan; innillee yaada isaanii hin fudhate. Isaan Rabbii Waaqa abboota ufii dhiisanii waaqa tolfama'aa fi mukkiin waandhi tolfamaan itti waaqeffamullee waaqeffatana; yakka isaan hojjatan kanaaf Rabbi banii Yerusaalemiitii fi banii Yihuuda'aatiin lole. Rabbi akka isaan gara isaa deebi'aniif worra raattotaa akka isaan uf eeggachiisaniif isaanitti erge; worri raattotaa isaanitti himnaan isaanillee waan worri raattotaa jedhan dhagayuu didan. Kanaan maayessa Hafuurri Rabbii Zakkaariyaasii ilma Yoodaahee gadichaa irratti bu'e; inni banii afoo dhaabatee «Rabbi ajaja kiyya maaf diiddan? maaf badii ufitti fiddan?› jedhee isin gaafata; eeganaa isin waan isa dhiiftaniif innillee isin dhiiseera» isaaniin jedhe. Mootichi Iyyoo'aas seera Zakkaariyaasiin irratti taasifame san hin fudhate; baniin akkuma mootichi isaan ajajetti hulee itti gad bayan ka mana woyyuu afo'ootitti dhaga'aan tumanii ajjeessan. Mootichi jasaa Yoodaaheen gadichi godheef hin qaabanne; Zakkaariyaas hennaa du'u'uuf fittifatu «Rabbi dhara ati godha'aartu kana sitti haa argu» jedhe. Barri sun haga lufeen maayessa loltoonni Sooriya'aa gara biyya Yihuuda'aatii fi gara biyya Yerusaalemii dhaqanii banii keessaa bulchoota banii maraa ajjeesan; waan booji'an maraa gara mootichaa gara biyya Damaasqo'oo ergan. Loltoota biyya Sooriya'aa hagoo harkatti Rabbi loltoota baay'ee dabarsee isaan jala taasise; kun wonti ta'eef Rabbii Waaqa abboota ufii waan dhiisaniif; akkaataa kanaan Rabbi mootii Iyyoo'aasiin irratti murtii qajeelaa murteesse. Haga loltoonni Sooriya'aa isa madeessanii biraa lixaniin maayessa hojjattoonni isaa haluu ilma Yoodaahee gadichaa baasu'uuf hulee inni dhibamee ciisu siree isaa irratti isa ajjeesan; mootichi qachaa Daawitii keessatti awwaalame malee awwaala moototaa biratti hin awwaalamne. Worri mooticha irratti fincila kaasanii isa ajjeesan mucattii Simi'aatii ta gosa Amoonotaa Zaabaad, mucattii Samaaritii gosa Moo'aabotaa Yoozaabaatiin fa'a turan. Seenaan ijoollee Iyyoo'aasii, dubbiin raagaa ka Iyyoo'aasitti himamee turee fi attamitti Iyyoo'aas akka mana woyyuu itti midhaasse kitaaba seena'aa ka moototaa keessatti barreeffameera; bikka isaa ilma isaa Ameesiyaasitu mooye. Ameesiyaas hennaa mooyu dargaggeessa woggaa diddamii shaniiti; Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa diddamii sagalii bulche; haati isaa Yoo'aadaan intala biyya Yerusaalemiiti. Inni Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate; waan hojjate kana garuu onnee guutu'uun hin hojjanne. Haga mootummaa ufii jabeeffate worra abbaa isaa ajjeesan ajjeese. Akkuma kitaaba seera Muuse'ee keessatti barreeffame Rabbi «Namni maruu cubbuu hojjateef haa du'uu malee abbootiin bikka ijoolle'ee hin du'in; ijoolleenillee bikka abboota ufii hin du'in» jedhee ajajetti ijoollee worra abboota isaa ajjeesanii hin ajjeefne. Mootichi Ameesiyaas dhiira gosa Yihuuda'aatii fi gosa Biiniyaamii keessa jiran akkaatama gosa isaaniitiin gare gare'een bulchoota ajajoota loltoota kumaatii fi loltoota ajajoota dhibbaa jalatti isaan ramade; worra ramadaman san keessa dhiirri umurii diddamaatii fi ka achii olii baay'inni isaanii namoota kuma dhibba sadihiiti; isaan worra lolaaf qophaayan wonte'ee fi woraanallee baadhatanii loluu danda'an. Akkasuma worra Israa'elii keessaallee loltoota jajjabaa saqilii kuma dhibba tokkootiin bitee qaxarate. Namni Rabbii tokko gara isaa dhufee, «Mootii'i! Rabbi banii Israa'eliitii fi ijoollee Efreemii woliin waan hin jirreef loltoonni worra Israa'elii kunniin si woliin hin bayin; yoo isaan qabattee dhaxxe garuu isaan mooyachuu yoo yaadde ka nama gargaaruu fi ka nama dhiisullee waan Rabbiin ta'eef Rabbi diintota kee jalatti si kuffisa» jedhe. Ameesiyaas nama Rabbiitiin «Saqiliin dhibba tokkoo ka ani loltootaan bite hoo attam ta'a?» jedhee gaafate. Namni Rabbii sun garuu «Rabbi waan kana caalu sii kennuu danda'a» jedhee deebiseef. Kanaaf mootichi Ameesiyaas loltoota biyya Efreemiitii dhufan akka isaan biyya ufiititti deebi'an fooyee isaan geegesse; kanaaf worra Yihuuda'aatitti guddisanii aara'aa gara biyya ufii deebi'an. Kanaan maayessa mootichi Ameesiyaas jabaatee loltoota ufii yaasee gara dhooqa sooqiddaa dhaqee loltoota Seeyirii nama kuma kudhanii ajjeese. Ijoolleen Yihuuda'aallee namoota kuma kudhanii booji'anii hidhanii qilee qachaa Seelaa'i jedhamtu biratti isaan gubba'aa gad darbanii worri darbaman sun dhagaa qilee san keessaa irratti kufanii caccabanii dhuman. Uduu isaan lola kana irra jiran worri Israa'elii ka inni akka isaan isa faanaa lolaaf hin deemne dhoogge qachaa Yihuuda'aa, Saamariya'aa haga Beetihooriititti lolanii nama kuma sadihii ajjeesanii boojuu baay'ee booji'an. Mootichi Ameesiyaas namoota Edoomiyaasii haga ajjeeseen maayessa waaqa tolfamaa worra Seeyirii fidee itti sagadu'uuf dhaabee itti sagada'aa hixaanallee aarsa'aafii ture. Kanaaf Rabbi mooticha Ameesiyaasiin lole; Rabbi raatticha tokko gara Ameesiyaasii erge; raattichi kun, «waaqa tolfamaa banii ufii hin oolchinee maaf sagadda?» jedhee isa gaafate. Uduu inni waan kana dubbata'aaru mootichi Ameesiyaas «Ati akka gorsaa mooti'ii taatu yoom si muunne? kanaafuu dubbii jettu kana dhiisi yoo dhiisuu didde si ajjeesa!» jedheen; namni Rabbiillee, «Ati waan kana gootee gorsa kiyyallee waan hin dhageenneef ani akka Rabbi si balleessu'uuf murteesse beekeera» jedhe. Kanaan maayessa mootichi Ameesiyaasii fi worri isa gorsan banii Israa'eliititti seera baafatan; Ameesiyaas gara Iyyoo'aasii ilma Iyyo'akaazii ilma ilma Iyyu'uu «Eeganaa koottu wol lollaa» jedhee ergamtoota itti ergee lolaaf isa kakkaase. Iyyoo'aas mootiin Israa'elii mootii Yihuuda'aa Ameesiyaasiiin akkana jedhe, «Hennaa tokko qummuudduun gaara Libaanosii ‹mucattii tee ilma kiyyatti naa heerumsiis› jedhee gara birbirsa Libaanosii erge; bineensi Libaanosii dhufee qummuudduu san irra ejjannaan duute. Atillee ani worra Edoomiyaasii mooyadheera jettee boona'aarta, ati mootii biyya Yihuuda'aa woliin wondhaansa bayu'uuf maaf rakkoo irra uf buufta? nagayaan mana kee taa'i» Ameesiyaas garuu gorsa Iyyoo'aasii womattuu hin laakkofne; sababaan kun ta'eef Ameesiyaas waaqa tolfamaa worra Eedoomii waan waaqeffateef; akka inni mooyatamu Rabbi waan fedheef. Iyyoo'aas mootiin biyya Israa'elii lolaaf bayee inninii fi Ameesiyaas mootiin biyya Yihuuda'aa Beetisaamii biyya Yihuuda'aa keessa jirtu keessatti wol lolan. Worri biyya Yihuuda'aa worra Israa'eliitiin mooyatamnaan isaan maruu gara gara faca'anii gara daasee ufii dheessan. Mootiin Israa'elii Iyyoo'aas mootii biyya Yihuuda'aa Ameesiyaasii ilma Iyyoo'aasii ilma Akaaziyaasii Beetisaamisitti isa qabee gara Yerusaalemii fideenii dallawa Yerusaalemiillee Yerusaalemii jalqabee haga daangaa dhumaa haga ciqilee dhibba afurii diige. Birri'ii fi worqii mana woyyuu keessa jiru, meesha'aa fi qabeenna mana woyyuu keessa jiruu fi qabeenna mana mootumma'aa keessa jiru ka fiixaan Oobeedi'eedoomii eega'aa turan maraa booji'ee qachaa Samaariya'aatitti gale. Mootichi biyya Yihuuda'aa Ameesiyaas haga mootiin Israa'elii Iyyoo'aas ilmi Iyyoo'aakaazii du'e woggaa kudha shan jiraate. Wonti Ameesiyaas hojjate ka jalqabaatii fi ka dhumaallee kitaaba seenaa mootota Yihuuda'aatii fi ka Israa'elii keessatti barreeffameera. Ameesiyaas haga Waaqa waaqeffatuu dhiise Yerusaalemiin keessatti fincila itti kaafnaan inni gara biyya Lakisoo baqannaan nama isa faanaa erganii achitti ajjeessisiisaniin. Reeffa isaa fardatti fe'anii fidanii qachaa Daawitii keessatti hulee abboota isaa itti awwaalanitti awwaalan. Baniin biyya Yihuuda'aa maruu Ooziyaa mucaa woggaa kudha jahaa bikka Ameesiyaasii abbaa isaa moosisan. Mootichi haga du'ee awwaalameen maayessa Ooziyaan Eelaatiin ijaaree gara biyya Yihuuda'aa deebise. Ooziyaan hennaa mooyu nama woggaa kudha jahaati; inni Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa shantamii lamaa bulche; haati isaa Yikooliyaan intala Yerusaalemii turte. Inni akkuma abbaan isaa Ameesiyaas hojjate Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate. Zakkaariyaas namni Rabbii akka inni Rabbiin sodaatu isa barsiifnaan inni onnee ufii guutu'uun Rabbiin sondhaan Rabbi waan maraan isa eebbise. Ooziyaan worra Filisxeemiitiin lolee dallawa qachaa Geetii, Yebina'aatii fi qachaa Azaaxoonii diigee biyya Azaaxooniitii fi biyya Filisxeemii keessatti deebisee qachoota ijaare. Rabbi akka inni worra Filisxeemii, worra Arabaatii fi worra Mi'uunotaa ka Gurba'aaliin keessa jiraatan maraa akka mooyatu taasise. Worri Amoonotaa Ooziya'aaf gibira gabbaran; inni waan gurri isaa guddisee dhagayameef haga balbala biyya Misirii seenaniititti dhagayame. Ooziyaan seensa balbala dallawaa, seensa dallawa dhooqaatii fi naannaya dallawaa irratti dallawa waa tooyachu'uuf tolu ijaaree kushee Yerusaalemii jabeesse. Inni horii baay'ee waan qabuuf lafa onaa, lafa gammoojji'iitii fi lafa badda'aatitti dallawa ijaare; boolla bisaanii baay'ee qote; qonnallee waan jaalatuuf lafa gaaraatii fi lafa michuu worra lafa qotuu fi hojjattoota biqiltuu woyini'ii dhaaban qaba. Ooziyaan loltoota lolaaf leenji'anii qophaayan qaba; maqaan baay'inna loltoota isaa namoota mootichaa waa barreessan Ma'iseeya'aa fi Yi'i'eelitu isaan galmeessa; namni ol aantumma'aan isaan tooyatu Hanaaniyaa mana mootumma'aa keessatti hojjattoota woliin hojjatu ture. Ka loltoota isaa masakku namoota kuma lamaa fi dhibba jahaa ka gosa isaanii bulchan. Bulchoota kanniin jala worra diintota mootichaa irraa dhoogguu danda'an jannoota kuma dhibba sadihiitii fi kuma torbaa fi dhibba shanii turan. Ooziyaan loltoota maraafuu wonte'ee fi woraana, sibiila mata'atti godhatan, ka qomaa, ebo'oo fi buundhee, furaanfurrisa fi dhagaa darbataniinillee kenneef. Mootichi Ooziyaan namoota Yerusaalemiin keessatti hojii ogumma'aatiin leenji'an gamoo irra taa'anii eeganii fi roga dallawa qachatti'ii irra buundhee, meeshaa dhagaa gugurdaa darbataniin akka hojjatan godhe; waan Rabbi isa gargaareef inni guddisee jabaate; gurri isaa guddisee waan beekkameef hulee marattuu dhagayame. Ooziyaan haga mootummaa ufii jabeeffate boonee Rabbii Waaqa ufii yakkee boonuu ufiitiin kufiinsa ufitti fide; gara mana woyyuu Rabbii seenee hulee hixaana itti aarsan irratti hixaana aarsee Rabbiin gaddisiise. Azaariyaan gadichinii fi gadoonni isa woliin jiran ka onnee guutu'uu namoonni saddeettamaa mooticha faana gara mana woyyu'uu seenan. Isaanillee mooticha Ooziyaa morma'aa «Ooziyaa'a! worri hixaana aarsu gadoota ijoollee Aaroonii ta muudamte malee ati hixaana aarsuun si hin barbaachisu; yakkiteertaa mana woyyuu keessaa bayi wonti kun Rabbii Waaqa kee biraa ulfinna sii hin ta'u» jedhaniin. Ooziyaan hixaana aarsu'uuf qophaayee girgiraa hixaana irratti aarsan qabatee hulee ciincaa irratti dhiyeessan bira dhaabatee akkuma inni aaree dallaneen yoma san dhibeen gogaa kukkutu kallacha isaa irratti mudhate. Azaariyaas gadichi guddaanii fi worri gadootaa maruu hennaa isa laalan kallacha isaa irratti dhibee gogaa kukkutu arganii daddafanii mana woyyuu keessaa isa ari'an; Rabbi waan isa rakkiseef dafee achi keessaa baye. Mootichi Ooziyaan haga gaafa du'uutitti dhibeen gogaa kukkutu isuma irra ture; waan sababaa dhibee saniitiif mana woyyuu keessaa ari'ameef mana addaa keessa jiraate; Iyyoo'aataam ilmi isaa mana mooti'ii keessa taa'ee banii bulcha'aa ture. Wonti mootichi Ooziyaan hojjate jalqaba irraa haga dhumaa Isaayyaas ilmi Amootsii raattichi barreesseera. Ooziyaan du'ee nama dhibee gogaa kukkutuun qabameeru jedhanii awwaala abboota isaa bira qonna moototaa biratti awwaalan; wonti awwaala moototaa biratti awwaaluu didaniif waan inni dhibee gogaa kukkutuun qabameeruuf; bikka isaa ilma isaa Iyyoo'aataamtu mooye. Iyyoo'aataam hennaa mooyu dargaggeessa woggaa diddamii shaniiti; Yerusaalemitti woggaa kudha jaha bulche; haati isaa Iyyaruusaan mucattii Saadooqiiti. Akkuma abbaan isaa Ooziyaan Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate innillee Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate; garuu gara mana woyyuu Rabbii hin seenne; baniinillee cubbuu hojjachuu hin dhiifne. Iyyoo'aataam balbala mana woyyu'uu ka gara ol aanu deebi'ee haarawoomse; hulee Oofeel jedhamu ka gaara irraa ka Yerusaalemiin keessatti argamullee dallawa itti ijaaree hujii baay'ee hojjate. Lafa gaaraa ka biyya Yihuuda'aa keessattillee qachoota ijaare; bosona keessattillee kushee hedduu fi dallawa ijaare. Mootii Amooniitii fi loltoota isaatiin wol lolee mooyate; woggama san keessa ijoolleen Amoonii birrii saqilii dhibba tokkoo, qamadii qoroosii kuma kudhanii fi garbuu qoroosii kuma kudhanii akka isa gabbaran godhe; akkasuma ijoolleen Amoonii woggaa lammeesso'ootii fi woggaa sadeesso'ootittillee gibira isaanii kennan; Iyyoo'aataam Rabbii Waaqa ufii afo'otti waan qajeellumma'aan jiraateef hin jabaate. Wonti Iyyoo'aataam hojjate, akkaataan inni itti lole kitaaba seenaa biyya Yihuuda'aatii fi biyya Israa'elii keessatti barreeffameera. Inni hennaa mooyu nama woggaa diddamii shaniiti; Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa kudha jaha bulche. Achiin maayessa Iyyoo'aataam du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman qachaa Daawitii keessatti isa awwaalan; bikka isaa ilma isaa Akaazitu mooye. Akaazi hennaa mooyu dargaggeessa woggaa diddamaati; Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa diddamaa bulche; akka abbaan isaa Daawiti Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate inni waan qajeelaa hin hojjanne. Akkuma armaan dura mootonni Israa'elii Ba'aaliif sagadan Ba'aalii sagadu'uuf fakii waaqa tolfama'aa hojjate. Akkasuma dhooqa ilma Heenoomii keessattillee hixaana aarse; akkuma worri ormaa waan hamaa hojjatanii Rabbi worra Israa'elii afo'oo ari'e ijoollee ufii ciincaa ciincayu godhee waaqolee tolfama'aaf dhiyeesse. Hulee gooddaa ka itti sagadan, gaarranii fi mukkiin lalise jalattillee hixaana aarsa'aa ciincaa dhiyeessa'aa ture. Kanaaf Rabbi mooticha Akaaziin mooticha Sooriya'aatitti dabarsee isa kenninaan worri Sooriya'aa isa mooyatanii isa jalaa loltoota baay'ee booji'anii gara Damaasqo'oo dhufan; akkasuma mootii biyya Israa'eliititti dabarsee isa kenne; inni dhaya badaa isa dhaye. Isaan Rabbii Waaqa abboota ufii waan dhiisaniif Faaquheen ilmi Roobeeliyuu guyyama tokko biyya Yihuuda'aa keessaa loltoota jajjabaa kuma dhibbaa fi diddamaa fixe. Namni Zikiri jedhamu loltuun biyya Israa'elii tokko ilma Akaazii Maa'iseeyaa, Aziriqaamii bulchaa mana mootumma'aatii fi Hilqaanaa itti aanaa mootichaa ajjeese. Worri Ayihuudi'ii yoma gosa isaanii ta'anillee loltoonni Israa'elii dubartoota kuma dhibba lamaatii fi daa'imman hidhee boojuu baay'ee woliin gara Samaariya'aa isaan fide. Achi raatticha Rabbii ka Oodeed jedhamutu ture; inni loltoota gara Samaariya'aa dhaqan bira dhaqee, «Rabbi Waandhi abboota keessanii biyya Yihuuda'aatiin waan loleef akka isin isaan mooyattan godhe; isinillee lola badaa loltanii isaan fixxan; ammallee isin baniin biyya Israa'eliitii fi baniin biyya Yihuuda'aa akka isaan isin jalatti bulan yaaddan; garuu yakki isin Rabbii Waaqa keessan yakkitan hin jiruu? Isin ammallee na dhagayaa'a! Rabbi waan isiniin loleef loltoota obboleewwan keessan jalaa boojitan deebisaa'a» isaaniin jedhe. Bulchoonni ijoollee Efreemii garuu Azaariyaas ilmi Yoohaana'aa, Baraakiyaan ilmi Mishileemotii, Yisiqiyaan ilmi Solomooniitii fi Ameesaay ilmi Hadilaayii worra lolaa deebi'an morman. Isaan «Worra booji'aman kanniin amma gara keenna hin fidinaa'a! nu armaan dura Rabbiin waan yakkineef Rabbi nuun loleera; ammallee yakka irratti yakka akka hojjannu nu gootanii?» isaaniin jedhan. Kanaaf worri loltootaa worra booji'aman sanniinii fi waan booji'an maraa bani'ii fi bulchoota ufiititti kennan. Achiin maayessa namoonni arfan sunniin worra booji'aman sanniin fuudhanii isaan keessaa worra qullaa jiran uffata itti uwwisan, kophee miila isaaniititti godhan; waan nyaatanii fi waan dhugan hin kennaniif fuula isaaniillee hin ibsan; worra miilaan deemuu dadhaban harriin yaabbisanii gara qachaa Iyyaariko'oo ka munni meexxi'ii keessa jiru gara obboleewwan isaanii fidanii gara Samaariya'aa deebi'an. hennama kana worri Filisxeemii gaarran gara dhiyaatii fi qachoota didiqqaa biyya Yihuuda'aa ka gara kibbaa jiran maraa Beetisaamiisi, Elooni, Gedrooti, Sookoonii fi gandoota isi'ii, Taaminaanii fi gandoota isi'ii, Gimizoonii fi gandoota isi'ii maraa fudhatanii keessa jiraatan. Akaazi mootiin biyya Yihuuda'aa waan Rabbiin ganee isa irraa fagaateef Rabbi sababaa isaatiif biyya Yihuuda'aa salphise. Mootiin biyya Asoorii Telgeltelfelsoor dhufee isaan rakkise malee hin gargaarre. Kanaaf mootichi Akaazi mana woyyuu Rabbii keessaa, mana mootumma'aatii fi bulchoota bani'ii irraa worqii baay'ee fudhatee mootichaaf kennaa godhee kenneef; garuu kanallee godhe'eef womaa isa hin fayyanne. Mootichi kun akka Akaazi rakkate hennaa arge guddisee Rabbiin yakke. Akaazi waaqolee tolfamaa biyya Sooriya'aa ka mooyicha isaa kennaniif ciincaa dhiyeesse; sababaan inni waan kana godheef «waaqoleen tolfamaan biyya Sooriya'aa mootota biyya Sooriya'aa gargaaraniiranii anillee ciincaa yoo isaanii dhiyeesse anallee na gargaaran» jedhee waan yaadeef; wonti inni godhe kun isaa fi biyya isaa Israa'eliin irratti badii fide. Mootichi Akaazi meeshaa mana Rabbii keessa jiru maraa fuudhee caccabse; balbala mana Rabbiillee hin cufe; Yerusaalemiin keessatti naannaya marattuu hulee ciinca'aa ka waaqa tolfama'aa hojjate. Qachoonni biyya Yihuuda'aa maruu akka waaqa tolfamaa saniif hixaana aarsaniif hulee itti sagadan gaarran irratti hojjachiisee Rabbii Waaqa abboota ufii aarse. Wonti mootichi Akaazi hojjate maruu jalqabaa haga dhumaa kitaaba seenaa mootota biyya Yihuuda'aatii fi ka biyya Israa'elii keessatti barreeffameera. Akaazi du'ee Yerusaalemiin keessatti hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti isa awwaalan malee hulee mootonni biyya Israa'elii itti awwaalamanitti hin awwaalamne; bikka isaa ilma isaa Hisqiyaasitu mooye. Hisqiyaas hennaa mooyu dargaggeessa woggaa diddamii shaniiti; Yerusaalemiin keessatti woggaa diddamii sagalii bulche; haadha isaa maqaan Abiya'a; isii Zakkaariyaasitu uumate. Akkuma Daawiti abbaan isaa Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate innillee waan qajeelaa hojjate. Hisqiyaas mooyee woggaa jalqabaa ji'a duraa balbala mana woyyuu Rabbii maraa deebi'ee banee haarawoomse. Worra gadootaatii fi worra Leewwotaa fijjisiisee hulee itti gad bayan ka gara baya biiftu'uutitti wolitti isaan qabee «Isin worri Leewwotaa! ufii fi mana woyyuu Rabbii ka abboota teessan ta durii qulqulleessaa'a; waan mana woyyuu Rabbii batteessu maraa balleessuu isin barbaachisa. Abboonni teenna yakkaniiran; Rabbii Waaqa keenna dhiisanii waan hamaa hojjataniiran; fuula ufii mana woyyuu Rabbii irraa deebifatanii dudda ufii itti deebifataniiran. Balbala mana woyyu'uullee cufanii ibsaallee dhaamsaniiran; mana woyyuu Rabbii Waaqa Israa'eliitiif hixaana hin aarsine, ciincaa ciincawullee Rabbiif hin dhiyeessine. Sababaa kanaaf Rabbi banii Yihuuda'aatii fi banii Yerusaalemiitiin lole; akkuma amma argitan kana akka isaan guddisanii nayaniif akka namni isaan baaseffatuu fi isaanitti balduuf dabarsee isaan kenne. Kanaaf abboonni teenna guraade'een dhuman; ijoolleen teenna ta dhiiraatii fi ta intalaa, haawwonni manaa teennallee booji'aman. Amma garuu lolli Rabbii jabaan kun akka nu irraa dhaabatu Rabbii Waaqa Israa'elii woliin waadaa galu'uuf yaadeera. Ijoollee tiyya! akka isa afoo dhaabattanii isa tajaajiltaniif, tajaajiltoota isaa akka taataniif, akka hixaana isaaf aarsitaniif Rabbi waan isin filateef lash hin jedhinaa'a» isaaniin jedhe. Isaan maruu obboleewwan ufii wolitti qabanii qulqullaayan; akkuma seera Rabbii ka Rabbi mooticha ajajetti mana woyyuu Rabbii qulqulleessu'uuf seenan. Worri gadootaa mana woyyuu Rabbii keessa isaa qulqulleessu'uuf ol seenanii waan battii mana woyyuu Rabbii keessatti argan maraa gara hulee itti gad bayan ka mana woyyu'uu baasan; worri Leewwotaa waan battii sanniin achii fuudhanii laga Qeedirooniititti gatan. Hujiin qulqullummaa mana woyyu'uu ji'a jalqabaa guyyaa duraatii jalqabee guyyaa saddeetesso'ootitti kutaa gara mana woyyumma'aa seensisullee qulqulleessanii fixan; achiin maayessa mana woyyuu seera waaqeffanna'aatiif qopheessu'uuf guyyaa saddeetii itti eda'anii haga jiini seene guyyaa kudha jaheesso'ootitti hojjatanii fixan. Worri Leewwotaa waan hujii mana woyyu'uu ka raawwatameef mooticha Hisqiyaasitti dhiyaatanii «Hulee ciinca'aa ka ciincaan irratti dhiyaatu gabatee xoroshoon woyyoome keessa taa'uu fi meeshaa maraa ka kanniiniin wol fakkaatu meeshaa mana woyyuu keessaallee qulqulleessineerra. Akkasuma meeshaa mootichi Akaazi hennaa Rabbiif hin ajajamne fudhate sanniin deebifnee akka Rabbiif woyyooman gooneerra; meeshaan kunniin maruu hulee ciinca'aa ka ciincaan Rabbii irratti dhiyaatu afoo jira» jedhaniin. Mootichi Hisqiyaas ganamaan ka'ee bulchoota qachatti'ii maraa wolitti qabee gara mana woyyuu Rabbii dhaqe. Isaan waan mootummaa isaatiif, waan mana woyyuu Rabbiitii fi waan banii biyya Yihuuda'aatiif mirgoolee torbaa, korbeeyyii hoola'aa torba, korbeeyyii hoolotaa didiqqoo torbaa, korbeeyyii re'iinii torba ciincaa cubbu'uutiif dhiyeessan; ijoollee Aaroonii gadootaan «Hulee ciincaa Rabbii irratti ciincaa dhiyeessaa'a» isaaniin jedhe. Mirgoolee sanniin qalanii worri gadootaa dhiiga san fuudhanii hulee ciinca'aa irratti facaasan; korbeeyyii hoolotaallee qalanii dhiiga san fuudhanii hulee ciinca'aa irratti facaasan; korbeeyyii didiqqoo hoolotaallee qalanii dhiiga hulee ciinca'aatitti facaasan. Korbeeyyii re'iinii ta ciincaa cubbu'uutiif ciincoftu mooti'ii fi banii afoo fidanii harka irra kaayanii worri gadootaa korbeeyyii re'iinii sanniin qalanii mootichi waan ciincaa ciincawuu fi ciincaa waan cubbu'uutiif dhiyaatu banii Israa'eliitiif akka ta'u waan ajajee tureef banii Israa'eliitii araara kadhachu'uuf dhiiga horii waan cubbu'uutiif jige hulee ciinca'aa irratti dhiyeessan. Mootichi Hisqiyaas karaa Naataanii raattichaatii fi Gaadii raattichaatiin seera mooticha Daawititti kennee fi ka mootichi Daawitillee hujii irra oolche hordofee meeshaa sagalee guddaa kennu ka faaru'uutiin, meeshaa shaka shaka jedhuu fi worra Leewwotaa ka Masiinqoo dhawu'uun leenji'an mana woyyuu keessatti ramade. Worri Leewwotaa meeshaa faaru'uu ka Daawitii qabatanii worri gadootaallee xurumbaa qabatanii dhaabatanii turan. Mootichi Hisqiyaas ciincaa ciincawu akka hulee ciinca'aa irratti dhiyeessan ajaje; hennaa ciincaa dhiyeessuu jalqaban faaruu Rabbiillee faarfachuu jalqaban; xurumbaallee afuufanii meeshaa faaru'uu ka Daawitii mootii Israa'eliillee dhayan. Baniin maruu hin sagadan; faarfattoonnillee hin faarfatan; worri xurumbaa afuufullee haga ciincaan sun ciincayee raawwatutti cadhisanii xurumbaa afuufan. Hennaan ciincaan ciincawu raawwatame mootichi Hisqiyaasii fi baniin achi jiru maruu jilbiiffatanii Rabbii sagadan. Mootichi Hisqiyaasii fi bulchoonni banii worra Leewwotaa dubbii raatticha Asaafiitii fi dubbii Daawitiitiin akka Rabbiin ulfeeffatan ajajan; isaanillee kanaaf jilbiiffatanii uduu kadhatan gammachuu gudda'aan faarfata'aa turan. Mootichi Hisqiyaas bani'iin «Isin amma Rabbiif woyyoomtaniirtanii kootta'aatii ciinca'aa fi ciincaa galataa gara mana Rabbii fidaa'a!» jedhe; baniinillee ciinca'aa fi ciincaa galataa waan onneen isaanii fedhe maraa ciincaa ciincawullee fidan. Ciincaan ciincawu ka baniin dhiyeesse mirgoolee torbaatamaa, korbeeyyii hoolotaa dhibba tokkoo fi korbeeyyii didiqqaa hoolotaa dhibba lamaa fidan; kunniin maruu ciincaa Rabbiif ciincawu ture. Horiin ciinca'aa ka Rabbiif woyyoome sangoota dhibba jahaa fi hoolota kuma sadihiiti. Garuu worri gadootaa ka gogaa horii qalamee baasan namoota hagoo waan ta'aniif worri Leewwotaa garaa guutu'uun waan uf woyyoomsa'aa turaniif haga raawwatamutti obboleewwan ufii worra gadootaa gargaara'aa turan. Coomni ciincaa ciincawuutii fi ciincaa fayyumma'aaf dhiyaatuu ciincaa ciincawu maraa woliin bisaan dhuganillee ka waan kenna'aatiif dhiyaatu baay'ee ture; kunniin maruu hujii mana woyyuu Rabbiitiif dhiyaate. Mootichi Hisqiyaasii fi baniin maruu waan Rabbi isaanii godheef guddisanii gammadan; wonti kun maruu ariiti'iin isaanii raawwatame. Mootichi Hisqiyaas Rabbii Waaqa Israa'eliitiif ayyaana faasika'aa mana woyyuu Yerusaalemiin jirutti akka ayyaanteffataniif gara biyya Israa'eliitii fi gara biyya Yihuuda'aa maraa namoota erge; akkasuma gara biyya Efreemiitii fi gara biyya Minaase'eellee xalayaa barreesse. Worri gadootaa, maruu akka isaan barbaachisutti waan hin woyyoomneef, baniinillee Yerusaalemitti waan wol hin geenneef ayyaana ayyaanteffachuu hin dandeenne; mootichi, bulchoonninii fi baniin Yerusaalemii maruu ji'a lammeesso'oo keessa ayyaana faasika'aa ayyaanteffachu'uuf mari'ata. Wonti isaan mari'atan kun mootichaa fi banii maraa afo'otti waan mishaa ture. Akka isaan barbaachisutti waan hin ayyaanteffanneef ayyaana faasika'aa ka Rabbii Waaqa Israa'elii Yerusaalemiin keessatti ayyaanteffachu'uuf baniin Israa'elii akka dhufu Beersaabeehii jalqabanii haga Daaniititti labsii akka labsan murteessan. Worri ergamtootaa akka ajaja mootichaatiin xalayaa mootichaatii fi ka bulchoota bani'ii ka akkana jedhu qabatanii gara Israa'eliitii fi gara worra Yihuuda'aa maraa deeman. «Ijoollee Israa'elii! isin worri boojuu mootii Asoorii jalaa baatan akka inni gara keessan deebi'u isin gara Rabbii Waaqa Abrahaamii, Yisaaqiitii fi Yaaqoobii deebi'aa'a. Isin akka abboota teessan ta durii worra Rabbii hin ajajamneef Rabbiin yakkanii sanniiniitii fi akka obboleewwan teessan sanniinii hin ta'inaa'a. Akka abboota teessanii lum'a hin jabaatinaa'a; Rabbitti uf kennaa'a; gara mana woyyuu ka inni baraa haga bara baraa woyyoomse ka Yerusaalemiin keessa jiruu koottaa'a; lola ufii jabaa akka isin irraa deebisu Rabbii Waaqa keessan waaqeffadhaa'a. Rabbi Waandhi keessan arja'aa fi ka namaa dhiisu waan ta'eef isin gara isaa yoo deebitan innillee waan fuula ufii isin irraa hin deebifneef worra obboleewwanii fi ijoollee teessan booji'an maraa afo'otti araara argattan» jedhu isaanitti erge; gara biyya kanaallee hin deebi'an. Worri ergaman xalayaa qabatanii gara biyya Efreemii, gara biyya Minaase'eetii fi gara biyya Baabiloonii qacha'aa gara qacha'aa deeman; worri isaan itti dhaqan sunniin garuu tuffatanii isaanitti kolfa'aa isaanitti baldan. Garuu biyya Aseerii, biyya Minaase'eetii fi biyya Zaabiloonii keessaa namoonni hagoon gara laafumma'aan Rabbiin afo'otti uf salphisanii gara Yerusaalemii dhufan. Rabbi onnee banii biyya Yihuuda'aa akka isaan ajaja Rabbii eeganiif, akka isaan ajaja mootichaatii fi seera bulchootaa eeganiif kakkaase. Ji'a lammeesso'oo keessa baniin hagoon ayyaana xorosho'oo ayyaanteeffachu'uuf Yerusaalemitti wol gayanii hulee ciinca'aatii fi hixaana waaqa tolfama'aaf aarsan maraa Yerusaalemiin keessaa balleessanii laga Qeedirooniititti gatan. Ji'a lammeesso'oo keessa guyyaa kudha arfeesso'ootitti ayyaana faasika'aatiif hoolaa qalan; hennaa san gadoonninii fi worri Leewwotaa ka uf hin qulqulleessine guddisanii saalfatan; sababaa kanaaf isaan Rabbiif uf kennan; achiin maayessa mana woyyuu keessatti ciincaa dhiyeessuu jalqaban. Akkuma seera Muuseen namni Rabbii isaanii kenneetitti mana woyyuu keessatti hulee isaanii ramadame dhaabatan; worri Leewwotaa dhiiga ciinca'aaf dhiyaate fuudhanii gadootatti kennan; worri gadootaa garuu dhiiga hulee ciinca'aatitti facaasan. Banii keessa worri hin woyyoomne heddu waan turaniif korbeeyyii faasika'aaf ta'u qaluu hin dandeenne; kanaafuu worri Leewwotaa worra uf hin woyyoomsine maraafuu korbeeyyii hoolotaa qalanii gadootaa dhiyeessan. Worri gosa Efreemii, gosa Minaase'ee, gosa Yisaakooriitii fi gosa Zaabiloonii keessaa namoonni baay'een akka seeraatitti uduu hin woyyoomne dhiyana ayyaana faasika'aa nyaatan. Mootichi Hisqiyaas «Nama akka seera mana woyyu'uutitti hin woyyoomne, namni Rabbii Waaqa abboota ufii barbaadu maruu Rabbiin araaraa isaanii haa dhiisu!» jedhee Waaqa isaanii kadhate. Rabbi kadhaa Hisqiyaasii hin dhagaye, baniillee hin fayyise. Ijoolleen Israa'elii worri Yerusaalemiin keessatti argaman ayyaana xorosho'oo gammachuu gudda'aan worri Leewwotaatii fi worri gadootaa meeshaa faaru'uutiin faarfata'aa guyyama guyya'aan Rabbiin galatoonfata'aa turan. Hisqiyaas worra Leewwotaa ka Rabbiin hubanna'aan tajaajilan maraa jajjabeessa'aa ture; isaan maruu ciincaa dhiyeessa'aa Waaqa abboota ufii galatoonfata'aa haga guyyaa torbaa ayyaanteffatan. Achiin maayessa baniin maruu guyyaa torbeesso'ootitti lammeessoo ayyaanteffachu'uuf waan wolii galaniif ayyaana guyyaa torbeesso'oo ammallee gammachuu gudda'aan ayyaanteffatan. Mootichi biyya Yihuuda'aa Hisqiyaas mirgoolee kuma tokkoo, hoolotaa fi re'iin kuma torbaa haa ciincaa ciincessani'iif bani'iif kenne; akkasuma worri bulchootaallee mirgoolee kuma tokkoo, hoolotaa fi re'iin kuma kudhanii bani'ii kennan; gadoonni baay'een uf woyyoomsan. Baniin biyya Yihuuda'aa, worri gadootaatii fi worri Leewwotaa, baniin biyya Israa'eliitii dhufanii fi keessummoonni biyya Yihuuda'aa keessa jiraatan guddisanii gammadan. Yerusaalemiin keessatti gammachuu gudda'atu ta'e; bara mooticha Solomoonii ilma Daawitii mootii biyya Israa'elii irraa jalqabee Yerusaalemiin keessatti ayyaanni akkanaa kun ayyaanteeffamee hin beeku. Worri gadootaatii fi worri Leewwotaa ka'anii banii eebbisan; laagaan isaanii guddisee dhagayame; kadhaan isaaniillee mana woyyuu Rabbii keessaa gara sami'ii ol baye. Haga wonti kun maruu raawwatameen maayessa worri Israa'elii ka achitti argaman maruu gara qachoota biyya Yihuuda'aa dhufanii soodduu maraa caccabsanii sirima balleessan; fakii waaqa tolfamaa asheera'aa ka jalatti waaqeffatanillee hin muran; hulee itti sagadan ka biyya Yihuuda'aatii fi ka biyya Biiniyaamii maraa, akkasuma ka biyya Efreemiitii fi ka biyya Minaase'ee, hulee itti sagadan ka gaarran gubbaa jiru, hulee ciincaa irratti dhiyeessan maraa diiganii worri Israa'elii maruu gara lafaa fi gara qachoota ufii deebi'an. Mootichi Hisqiyaas seera worra Leewwotaatii fi ka worra gadootaa akkuma garee isaaniitiin deebi'ee dhaabe; ciincaa fayyumma'aatii fi ciincaa ciincawu balbala mana woyyu'uu ka hulee itti gad bayaniititti akka ciincaa dhiyeessan, akka isa tajaajilan, akka Rabbiin galatoonfatanii fi akka Rabbiin kabajjaniif worra gadootaatii fi worra Leewwotaa dhaabsise. Mootichi akkuma seera Rabbii irratti barreeffame ciincaa ciincawu ka ayyaanaa ka jalqaba ji'aatii fi ka sambattanii halkanii fi guyyaa dhiyeessu'uuf waan ufii keessaa waan kennu murteeffate. Mootichi banii Yerusaalemiin keessa jiraatan akka worri gadootaatii fi Leewwotaa tajaajilan mana woyyuu keessatti akka jabaataniif baniin waan ufii qaban keessaa waan kennuu isaan barbaachisu akka isaanii kennan banii Yerusaalemiin keessa jiraatan ajaje. Akkuma mootichi waan kana isaan ajajeen worri Israa'elii daadhii woyini'iitii fi ka midhaanii, ka dhadhaa ejersaatii fi ka dammaa, midhaan qotatanii argatan keessaa ka dura gale kennan; waan qaban maraa keessaa kurneessoo kennan. Baniin biyya Israa'eliitii fi biyya Yihuuda'aa ka qachoota Yihuuda'aa keessa jiraatan sangootaa fi hoolota keessaa waan woyyoome Rabbii Waaqa ufiitiif kurneessoo kennan; kennaa biraallee ka woyyoome fidanii tuulan. Kennaallee ji'a sadeesso'ootitti fiduu jalqaban; ka kennaa kennanii itti fixan garuu wol faanaa kennaa ufii san fida'aa tuulanii ji'a torbeesso'ootitti fixan. Mootichi Hisqiyaasii fi bulchoonni bani'ii dhufanii hennaa tuulaa san argan Rabbii fi banii Israa'elii maraa eebbisan. Hisqiyaas worra Leewwotaatii fi worra gadootaa waan midhaan wolitti kuusanii san gaafate. Azaariyaas gadichi guddaan gosa worra Saadooqii «Baniin kennaa ufii gara mana woyyuu Rabbii haga fiduu jalqabaniin maayessa nyaannee quufneerra, Rabbi waan banii eebbiseef midhaan gudda'atu irraa hafe, ka hafellee tuulaa guddaa kana» jedhee dubbate. Hisqiyaas akka isaan mana Rabbii keessatti gootaraa ijaaran banii ajaje isaanillee gootaraa ijaaranii, Kennaa midhaanii kurneesso'oo fi waan woyyoome maraa amanamumma'aan gootaraa sanitti galchan; Koonaaniyaa gosa Leewwi'ii midhaan kana irratti baallii kennaniif; obboleessa isaa Saame'iinillee baallii kennaniifii nama lammeesso'oo godhanii kaayan. Mootichi Hisqiyaasii fi Azaariyaas gadichi bulchaan mana Rabbii worra isaan jala taa'anii hojjatan Yihi'eel, Azaaziyaa, Naahoot, Asaaheel, Yireemoot, Yoozaabaat, Eeli'eel, Samaakiyaa, Mahaat, Banayaas, Kenaaniyaanii fi obboleessi isaa Saamee'i isaan jalatti haa hojjatani'iif ramadaman. Qoreen balbala mana woyyu'uu ka gara baya biiftu'uutiin eegu ilmi Leewwichaa Yiminaan kennaa Rabbiitii fi waan Rabbii woyyoome akka qoodu, waan baniin fedha ufiitiin Rabbii kennan irratti baallii argate. Qachoota gadoonni keessa jiraatan keessatti worra gugurda'aa fi didiqqaallee akka garee isaaniitiin amanamumma'aan akka gargaaran Eed, Mimiyaam, Iyyaasuu, Shamayaa, Amaariya'aa fi Sekeniyaan isa jala turan. Ammallee waan adda addaa ka guyyaa guyya'aan hojjatan, ijoollee dhiiraa ka umuriin isaanii woggaa sadihiitii fi ka achii ol ta'an ka gara mana woyyu'uu seenan akka baallii isaaniitii fi akkuma ramaddii isaanii gayee isaanii qooda'aafii turan. Ramaddiin gadootaa akkuma gosa isaaniitiin ka umuriin isaanii woggaa diddamaatii fi ka achii ol ta'an akka gayee isaaniitiin waan hujuu danda'aniin murteeffama. Worri gadootaatii fi worri Leewwotaa kunniin worra uf woyyoomsan amanamtoota waan ta'aniif isaan haadha manaa ufii, ijoollee ufiitii fi worra isaan jalatti bulan maraa woliin tokkumma'aan galmaayan ture. Worri gadootaa ka qachoota ijoollee Aaroonii keessa jiraatan, yookaan lafa dheedaa ka qachoota kanniinii irra jiraatan, worra dhiiraa worra galmee maqaa worra Leewwotaa keessa jiru keessa jiraataniif waan nyaatan isaanii qoodu'uuf namoota baallii qaban turan. Mootichi Hisqiyaas biyya Yihuuda'aa maraa keessatti, Rabbii Waaqa ufii afo'otti waan mishaa, waan qajeela'aa fi waan dhuga'aa hojjate. Hujii mana woyyu'uu, seeraa fi ajaja maraa eegu'uuf hujiin inni hojjate maruu Rabbii Waaqa ufiitiif amanamumma'aa fi hinaaffaa Hafuuraatiin waan ta'eef wonti maruu isaa qajeele. Mootichi Hisqiyaas haga Rabbii amanamumma'aan hojjateen maayessa mootichi biyya Asoorii Sanaakireem qachaa biyya Yihuuda'aa keessa seenee akka mooyatu beekee qachoota dallawa itti ijaaran marse. Mootichi Hisqiyaas akka mootiin biyya Asoorii Sanaakireem Yerusaalemiin lolu'uuf dhufe haga arge, burqaa bisaanii ka qacha'aan ala jiru akka cufaniif bulchoota ufiitii fi worra jajjaboota woliin mari'ate; isaanillee isa gargaaran. Namoonni Hisqiyaasii baay'een wol gayanii «Mootonni biyya Asoorii maaf bisaan asii woraabbatan?» jedhanii burqaa bisaaniitii fi burqaa yaa'u maraa cufan. Mootichi Hisqiyaas dallawa ijaaree ka ijaare san irrattillee hulee irra taa'anii eegan hojjatee dallawa san duubaanillee dallawa biraa ijaaree akka qachattiin hin tuqamne godhe; ammallee dallawa Yerusaalemiin irraa gara biyya biiftu'uutittin argamu ijaaree haarawoomsee woraana hedduu fi wonteellee hojjate. Bulchoota woraanaa banii irratti baallii kenneefii hulee itti gad bayan ka balbala qachatti'iititti isaan maraa wolitti qabee «Jabaadhaa'a; worra onnee guutu'uu ta'aa'a; ka nu woliin jiru ka isaan woliin jiru waan caaluuf mooticha biyya Asooriitii fi loltoota isa woliin jiranillee hin sodaatinaa'a; hin nayinalle'e. Hunni isa woliin jiru hunna fooniiti; ka nu woliin jiru garuu Rabbii Waaqa keenna ka nuu loluu fi ka nu gargaaru» jedhee isaan jajjabeesse; baniin maruu dubbii mooticha Hisqiyaasii biyya Yihuuda'aatiin jajjabaatan. Kanaan maayessa mootichi biyya Asoorii Sanaakireem hennaa loltoota ufii maraa woliin Laakisoon jiru garboota ufii gara biyya Yerusaalemii gara Hisqiyaasii mootii biyya Yihuuda'aatii fi worra Yihuuda'aa ka Yerusaalemiin keessa jiraataniin «Mootiin biyya Asoorii Sanaakireem isin eennuun hedattanii kushee Yerusaalemii keessa jiraattan? Rabbi Waandhi keenna mootii biyya Asoorii jalaa nu oolcha jedha'aa beelaa fi dheebu'uun akka dhumtan ka isin sossobu mootii Hisqiyaasii mii? ‹Hulee ciinca'aa tokkotti sagadaa'a; isuma irrattillee hixaana aarsaa'a› jedha'aa biyya Yihuuda'aatii fi biyya Yerusaalemii ajajee hulee itti sagadan ka gaarraniitii fi hulee ciincaa irratti dhiyeessan ka diige Hisqiyaasii mii? Anii fi abboonni tiyya waan orma maraa irratti goone hin beennee? waaqolee tolfamaa ka worra ormaa keessaa tokkollee ka banii ufii oolche hin jiraa? waaqolee tolfamaa abbootiin teenna balleessan ka isin oolchuu danda'e, ka abbootiin keessan balleessan waaqolee tolfamaa worra ormaa keessaa ka isin oolchuu danda'e eennu? Amma Hisqiyaas akkanatti isin sobee isin hin dhamaasin; isin isa hin amaninaa'a; waaqoleen tolfamaan worra moototaatii fi ka ormaa maruu banii ufii harka kiyyaa fi harka abboota kiyyaa irraa ka oolchuu danda'e hin jiru; eeganaa waandhi keessan tolfamaan harka kiyya irraa attamitti isin oolchuu danda'a?» Worri baallii qaban ka biyya Asoorii Rabbi Waaqaa fi garbicha isaa Hisqiyaasiin irratti dubbii hamaa waan kana caalu dubbatan. Akkasuma xalayaa «Rabbii Waaqa Israa'elii arrabsu'uuf, isa irrattillee waan hamaa dubbachu'uuf waandhi tolfamaan worra ormaa banii ufii na jalaa baasuu akka hin dandeenne waandhi mooticha Hisqiyaasiillee banii ufii ana jalaa baasuu hin danda'u» jedhu isaanii barreesse. Worri baallii qaban ka biyya Asoorii namoota biyya Yerusaalemii ka dallawa irra taa'anii eeganiin afaan Ibraayisxiitiin laagaa dhageessisan; sababaan waan kana godhaniif banii naasisanii, abdii kutachiisanii qachattii karaa salpha'aan qabuu yaadaniiti. Akkuma waaqa tolfamaa harka namaatiin hojjatame irratti ka'an san Waaqa Yerusaalemii irrattillee dubbata'aa turan. Kanaan maayessa Hisqiyaasii fi ilmi Amootsii Isaayyaas raattichi Rabbiin kadhate; akka inni isaan gargaaruuf jabeessanii kadhatan. Rabbi maleekkaa ufii akka bulchoota baallii qaban jajjaba'aa fi bulchoota mootii biyya Asoorii balleessuuf erge; mootichi biyya Asoorii salphatee gara biyya ufii deebi'e; hennaa inni gara mana waaqa ufii seene ijoolleen inni uumate achitti guraade'een isa ajjeesan. Akkaataa kanaan Rabbi mooticha Hisqiyaasii fi banii biyya Yerusaalemii keessa jiraatan Sanaakireemii mootii biyya Asoorii jalaa isaan oolchee lola naannoo isaanii jiru maraa irraa hara isaan baafachiisee ollaa ufii woliin akka nagayaan jiraatan godhe. Waan kanniin maraan maayessa namoonni hedduu kennaa Rabbiif kennan qabatanii gara Yerusaalemii dhufan; Hisqiyaasii mootii biyya Yihuuda'aatiifillee kennaa kennan; hennaa san irraa jalqabee baniin maruu guddisanii isa kabajjan. Hennaa san mootichi Hisqiyaas dhibamee du'uu geennaan Rabbiin kadhatee Rabbi akka isa fayyisu malkata fayyumma'aa kenneef. Hisqiyaas garuu waan guddisee booneef waan mishaa Rabbi godheef galata Waaqaa barbaachisu hin kennineef; sababaa kanaaf isa, banii Yihuuda'aatii fi banii Yerusaalemii irra rakkoon guddaan gaye. Garuu Hisqiyaasii fi baniin Yerusaalemii dhuma irratti gara laafumma'aan waan gad uf deebisaniif Rabbi haga guyyaa Hisqiyaas du'aan ardii kana irraa deemeetitti banii hin adabne. Mootichi Hisqiyaas qabeenna gudda'aa fi ulfinna guddaa qaba ture; mana meesha'aa ka birri'ii fi worqii, mi'a gatii gudda'aa, urgooftuu, ka wonte'ee fi mi'a kabajjamaa keessa kaayu hojjatee fixe. Mana midhaan, dhadhaan ejersaatii fi daadhiin woyini'ii keessa taa'u, gooruu horiin adda addaa keessa buluu fi tika hori'iitiifillee moonaa ijaare. Rabbi waan qabeenna guddaa isaa kenneef qachoota hojjatee hoolota, re'iinii fi horii hedduu itti galche. Hisqiyaas burqaa bisaanii ka Giyoonii ka gara gubba'aatiin jiru ittisee bisaan gara dhiya adu'uutiin gara qachaa Daawitii akka lola'u godhe; wonti Hisqiyaas hojjachu'uuf karoorfate maruu hin ta'eef. Garuu ergamtoonni Baabiloonii ka abboota murti'ii hennaa baasa biyya isaatitti hojjatame isa gaafachu'uuf gara biyya isaa ergaman Rabbi waan onnee Hisqiyaasii keessa jiru qoree beeku'uuf itti cadhise. Wonti mootichi Hisqiyaas hojjate arjummaan isaa kitaaba mootota Israa'elii, kitaaba Isaayyaasiitii fi kitaaba Yihuuda'aa keessatti barreeffameera. Mootichi Hisqiyaas du'ee qachaa Daawitii keessatti hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwalame; worri Yihuuda'aatii fi worri Yerusaalemiin keessa jiraatan maruu seera awwaalaa kabajjaa gudda'aan raawwataniif; bikka isaa ilma isaa Minaase'etu mooye. Minaaseen hennaa biyya Yihuuda'aa irratti mooyu mucaa woggaa kudha lamaati; Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa shantamii shanii bulche. Waan hamaa worri ormaa hojjata'aa turan ka Rabbi banii Israa'elii afo'oo balleesse san Rabbiin afo'otti hojjate. Inni hulee itti sagadan ka gaarran gubba'aa ka abbaan isaa Hisqiyaas diige deebisee ijaare; hulee ciinca'aa ka waaqa tolfamaa Ba'aaliillee hin ijaare; muka jala taa'anii waaqeffatanillee hin dhaabe; urjiiwwan sami'iitiillee sagada'aa waaqeffate. Hulee ciinca'aa ka waaqa tolfama'aa mana Rabbii ka Yerusaalemiin jiru ka Rabbi maqaan kiyya itti waamama jedhe keessatti hojjate. Mana Rabbii keessatti hulee itti gad bayan lamaanittuu hulee ciinca'aa ka waandhi tolfamaan urji'ii itti waaqeffamu hojjate. Ijoollee uufii ta dhiiraa dhooqa Heenoomii keessatti ciincesse; inni nama moruu fi ka moora laalu ta'ee nama asma'aa fi worra hafuura worra du'anii waamu gorsa gaafata'aa ture; cubbuu akkanaa guddaa kanniin Rabbiin afo'otti hojjatee Rabbiin aarse. Mootichi Minaaseen mana Rabbii ka Rabbi Daawitii fi ilma isaa Solomooniin «Mana Yerusaalemiin keessatti dhaabe ka banii Israa'elii maraa keessaa filadhe keessatti maqaan kiyya baraa haga bara baraa itti waamama; baniin Israa'elii waan ani isaan ajaje maraa, seeraa fi ajaja Muuse'etti kenname eeganii yoo murtii qajeelaa murteessan lafa ani abboota isaaniitii kenne keessaa isaan hin fageessu» jedhe keessatti fakii waaqa tolfama'aa hojjatee keessa dhaabe. Minaaseen waaqa tolfamaa worra ormaa ka Rabbi banii Israa'elii afo'oo balleesse caalaa baniin biyya Yihuuda'aatii fi baniin biyya Yerusaalemii akka waan hamaa hojjataniif isaan dogoggorsiise» Rabbi Minaase'ee fi bani'itti dubbate; isaan garuu isa hin dhageenne. Kanaaf Rabbi bulchoota duultota biyya Asoorii isaanitti fidee isaan Minaasee qabanii filaa funyaanitti godhanii haada sibiilaatiin isa hidhanii gara biyya Baabiloonii isa fidan. Inni hennaa guddisee rakkate Waaqa abboota ufii afo'otti guddisee uf salphise. Inni Rabbiin kadhate; Rabbillee kadhaa isaa dhagayee gara mootummaa ufii Yerusaalemitti isa deebise; Minaaseen Rabbi Waaqa dhuga'aa akka ta'e beeke. Kanaan maayessa Minaaseen qachaa Daawitii dudda duubaan dhooqa Giyoonii ka gara dhiya adu'uutiin haga seensa balbala qurxummi'iititti dallawa ijaaree ijaarsa san haga Oofeelii irra naannessee ol fageessee ijaare; qachoota biyya Yihuuda'aa ta ijaaramte maraa keessa bulchoota duultotaa kaaye. Minaaseen waaqa tolfamaa worra ormaatii fi fakii waaqa tolfama'aa ka ufii hojjate maraa mana Rabbii keessaa balleesse; hulee ciinca'aa ka waaqa tolfama'aa mana woyyuu Rabbii ka gaara gubba'aa keessa jiruu fi ka Yerusaalemiin keessatti hojjate maraa qacha'aan ala baasee gate. Hulee ciinca'aa ka Rabbii deebi'ee haarawoomsee ciincaa fayyumma'aatii fi ciincaa galataa itti ciincessee baniin biyya Yihuuda'aa Rabbii Waaqa Israa'elii akka waaqeffatan ajaje. Baniin garuu hulee itti sagadan ka gaarran gubba'aa irratti ciincaa ciincessanillee Rabbii Waaqa ufiitii ciincessan. Wonti Minaaseen hojjate, kadhaan inni Waaqa ufii kadhate, dubbiin raattotaa ka maqaa Rabbiitiin isatti dubbatame kitaaba seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera. Akkasuma faateen isaa, Rabbi kadhaa isaa akka dhagayeef, uduu Rabbiif gad uf hin deebifne hulee itti sagadan ka gaarran gubba'aa, fakiin inni hojjate, huleen mukkiin jala taa'anii waaqeffatan ka inni dhaabe kitaaba seenaa raattotaa keessatti barreeffameera. Minaaseen du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman mana mootumma'aa biratti isa awwaalan; bikka isaa ilma isaa Amootsitu mooye. Amootsi hennaa mooyu dargaggeessa woggaa diddamii lamaati; Yerusaalemitti woggaa lama bulche. Inni akkuma abbaan isaa Minaaseen Rabbiin afo'otti waan hamaa godhe innillee waan hamaa hojjate; fakii waaqa tolfama'aa ka abbaan isaa Minaaseen hojjateef ciincaa ciincessee isaan waaqeffate. Akka abbaan isaa Minaaseen Rabbiin afo'otti gad uf deebise inni gad uf hin deebifne; guddisee cubbuu hojjate. Goshoonni Amootsii worri baallii qaban worri isa woliin hojjatan wol ta'anii isatti ka'anii mana mootumma'aa keessatti isa ajjeesan. Baniin biyya Yihuuda'aa worra isatti ka'anii isa ajjeesan sanniin ajjeesanii bikka isaa ilma isaa Iyyoosiyaasiin moosisan. Iyyoosiyaas hennaa mooyu mucaa woggaa saddeetiiti; Yerusaalemitti woggaa soddomii tokko bulche. Inni Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate; akkuma Daawitii abbaa ufii waan mishaa hojjate; innillee seera isaa hordofe; bita'aa fi mirgallee hin jenne. Iyyoosiyaas mooyee woggaa saddeetesso'ootitti uduu daa'imumma'aan jiru Waaqa Daawitii abbaa ufii Waaqeffatuu jalqabe; woggaa kudha lammeesso'ootitti biyya Yihuuda'aatii fi Yerusaalemiin keessa hulee itti sagadan ka gaarran irraa, mukkiin jala taa'anii waaqeffatan ka waaqa tolfamaa Asheera'aatii fi fakii waaqa tolfama'aa ka sibiila bassanii hojjatan maraa balleesse. Hulee ciinca'aa ka waaqa tolfamaa Ba'aalii isa afo'oo diigan; fakii waaqa tolfama'aa ka adu'uu ka hulee ciinca'aa irra jiru mukkiin jala taa'anii waaqeffatan, fakii sibiila bassanii hojjatan caccabsee butuchee awwaala namoota tanaan dura isaanii ciincessa'aa turan sanniin irratti facaase. Lafee gadoota isaaniillee hulee ciinca'aa ka isaanii irratti gubee biyya Yihuuda'aatii fi biyya Yerusaalemii qulqulleesse. Qachoota Minaase'ee, ka Efreemii, ka Simooniitii fi ka Niftaalemii, naannoo isaaniillee hin qulqulleesse. Hulee ciinca'aa diigee fakii waaqa tolfama'aatii fi mukkiin jala taa'anii waaqeffatan caccabsee fakii waaqa tolfama'aa ka adu'uu biyya Israa'elii keessaa balleessee gara Yerusaalemii deebi'e. Iyyoosiyaas mooyee woggaa kudha saddeetesso'ootitti biyyatti'ii fi mana Rabbii haga woyyoomseen maayessa mana Rabbii haa haarawoomsani'iif Saafaanii ilma Ezeeliyaasii, Maa'iseeyaa bulchaa qachatti'iitii fi Iyyoo'aakii ilma Iyyoo'akaazii erge. Isaanillee gara gadicha guddaa Kelqiyaasii dhufan; biyya Israa'elii, ka Minaase'eetii fi worra Efreemii keessaa akkasuma worra Israa'elii ka hafe, worri Leewwotaa ka balbala eegan, biyya Yihuuda'aatii fi biyya Biiniyaamii maraa keessaa, worri Yerusaalemiin keessa jiraatanillee birrii ijaarsa mana woyyu'uutiif isaanitti kennan. Isaanillee worra mana woyyuu Rabbii haa ijaarsisani'iif baallii qabanitti kennan; isaanillee worra mana woyyuu Rabbii ijaaranii haarawoomsanitti kennan. Mana mootonni biyya Yihuuda'aa diissisan deebisanii ijaaru'uuf worra mukaa fi dhagaa bitanii mana ijaaranitti kennan. Namoonnillee hujii san amanamumma'aan hojjatan; worra Leewwotaa keessaa ijoolleen Meeraarii worri hujii kana hojjachiisan I'eetii fi Abdiyyu'u; ijoollee Qaatii keessaa Zakkaariyaasii fi Meesulaamiin fa'a; worra Leewwotaa keessaa worri meeshaa faaru'uu dhawuu beekan maruu, worra hujii hunnaa hojjatanii fi worra hujii adda addaa hojjatan irratti baallii qaban; barreessitoonni, worri bulchootaatii fi worri balbala mana woyyu'uu eeganillee gosuma worra Leewwotaa keessa. Hennaa isaan birrii mana woyyu'uutiif dhiyaate fidan Kelqiyaas gadichi kitaaba seeraa ka Rabbi Muuse'etti kenne arge. Kelqiyaas Saafaanii waa barreessuun «Kitaaba seeraa mana Rabbii keessatti arge» jedhee kitaaba san Saafaanitti kenne. Saafaan kitaaba san gara mootichaa fidee «Kunoo waan ati nuun jette maraa gooneerra. Birrii mana woyyuu keessa jirullee fuunee hojjattootaa fi namoota isaan tooyatanitti kennineerra. Kitaabni Kelqiyaas natti kennellee na harka jira» jedheenii kitaaba san dubbiseef. Mootichi hennaa dubbii seeraa dhagaye uffata ufii tarsaase. Kanaan maayessa mootichi Kelqiyaasiin, Akiqaamii ilma Saafaanii, Abdoonii ilma Mikiyaasii, Saafaanii waa barreessuu fi Aasaayaa mucaa mootichaatiin, «Abbootiin teenna seera kitaaba kana keessatti barreeffame akka eegan Rabbi isaanii kenninaan isaan garuu waan eeguu didaniif lolli Rabbii ka nu irra jiru waan guddaa ta'eef deema'aa waan kitaaba argamee kana waan kiyya, waan banii biyya Yihuuda'aatii fi waan banii biyya Israa'elii ka hafaniifillee Rabbiin gaafadhaa'a» jedhee isaan ajaje. Kelqiyaasii fi worri mootichi ajaje akkuma mootichi ajajetti gara namittii Hildaanaa jedhamtu ta raaga raaddu gara qachattii haarawa Yerusaalemiin keessa jirtuu bira dhaqanii waan ergamaniif san isii gaafatan; abbaan manaa raattittii tanaa ka Seeleem jedhamu ilmi Tiiquwa'aa ilma ilma Hasira'aati; inni worra uffata mana woyyuu keessatti uffatan bulcha; worri ergaman waan ergamaniif raattitti'itti himan. Isiinillee «Gara nama gara kiyya isin ergee deema'aatii dubbii Rabbii ka ani amma isinitti himu isatti himaa'a» isaaniin jette. Dubbiin sunillee ka akkana jedhu «Ani Rabbi abaarsa waan mootii Yihuuda'aatiif kitaaba keessatti barreeffameen Yerusaalemii fi banii isi'ii maraa hin adaba. Na dhiisanii hujii hamaa hojjata'aa waan na aarsaniiraniif, waaqolee tolfamaa biraatiifillee waan hixaana aarsaniiraniif, hulee kanatti lolli kiyya hin bobaya; hin badulle'e; Mootii Yihuuda'aa Rabbiin gaafachu'uuf isin ergeen Rabbi Waandhi Israa'elii akkana siin jedha; ‹Dubbii dhageetteen garaan kee laafee afo'oo kiyyatti waan gad uf deebifteef hulee kanaa fi bakka jireennaatitti dubbii kiyya dhageettee gad uf deebifteerta; uffata kee biinxitee na afo'otti waan bootteef ani Rabbi booyicha kee dhagayeera. Ati haga lubbu'uun jirtu ani Yerusaalemiin hin adabu; atillee nagayaan akka duutu si godha› » jedha'aa itti himaa'a. Namoonnillee ergaa kana qabatanii gara mooticha Iyyoosiyaasii deebi'an. Mootichi Iyyoosiyaas manguddoota biyya Yihuuda'aatii fi ka biyya Yerusaalemii maraa wolitti qabe. Mootichi, namoonni biyya Yihuuda'aa, worri Yerusaalemiin keessa jiranii fi baniin maruu didiqqaanii fi gugurdaanillee gara mana woyyuu Rabbii yaa'an; achitti kitaaba dubbii waada'aa ka mana woyyuu Rabbii keessatti argame isaanii dubbise. Mootichi utubaa mana woyyu'uu bira dhaabatee Rabbiin duukaa bu'u'uuf, seeraa fi ajaja Rabbii onnee guutu'uu fi yaada guutu'uun eegu'uuf, dubbii waada'aaa ka kitaaba kana keessatti barreeffame raawwachu'uuf waadaa haarawoomfate. Worra Yerusaalemiitii fi biyya Biiniyaamii keessa jiran maraa isaan kakachiise; baniin Yerusaalemiin keessa jiraatan maruu akkuma dubbiin waadaa Rabbii isaan ajaje godhan. Iyyoosiyaas biyya ijoollee Israa'elii maraa keessaa waan hamaa balleessee worra banii biyya Israa'elii keessa jiraatan maraa Rabbii Waaqa ufii akka waaqeffatan godhe; bara bulchiinsa isaa baniin maruu Rabbii Waaqa abboota ufii waaqeffatuu hin dhiifne. Mootichi Iyyoosiyaas ulfinna Rabbiitiif Yerusaalemiin keessatti ayyaana faasika'aa kabajje; baniin ji'a jalqabaa guyyaa kudha arfeesso'ootitti hoolaa qalanii ayyaana faasika'aa ayyaanteffatan. Mootichi hujii worri gadootaa hojjatan ramadee hujii mana woyyuu keessatti hojjatan irratti isaan jajjabeesse. Worra Leewwotaa ka Rabbiif uf woyyoomsanii banii Israa'elii maraa barsiisaniin «Saanduuqa waadaa Rabbii woyyuu mana woyyuu Rabbii ka Solomoon ilmi Daawitii mootiin Israa'elii ijaare keessa kaayaa'a; armaan maayessa ba'aa isinitti hin ta'u; isin ammallee Rabbii Waaqa keessanii fi banii Israa'elii maraa tajaajilaa'a. Akkaatama ajaja mootichi Daawitii fi ilmi isaa mootichi Solomoon isinii kennaniititti mana woyyuu keessatti tajaajilu'uuf hule hulee keessan qabadhaa'a; Isin worri Leewwotaa banii Israa'elii maraa, maatii isaaniillee gargaaruu akka dandeettan hujii mana woyyu'uu keessatti isinii kenname qoqqoodama'aatii hulee hulee keessanitti wol gurmeessaa'a. Baniin keessan baniin Israa'elii ajaja Rabbi karaa Muuse'eetiin kenne akka uf eegganno'oon hojjattan uf qulqulleessa'aatii hoolota faasika'aa qalaa'a» isaaniin jedhe. Mootichi Iyyoosiyaas horii ufii keessaa waan ayyaana faasika'aatiif ta'u korbeeyyii hoolotaatii fi korbeeyyii re'iinii kuma soddomaa fi mirgoolee kuma sadihii kenne; kanniin maraa waan ufii qabu keessaa kenne. Abboonni murti'iillee bani'ii fi worra gadootaatii, worra Leewwotaatiifillee fedha ufiitiin kennan; bulchoonni mana Rabbii Kelqiyaas, Zakkaariyaasii fi Yihi'eel ciincaa ayyaana faasika'aatiif hoolotaa fi re'iin kuma lamaa fi dhibba jahaa, sangoota dhibba sadihii worra gadootaatii kennan. Bulchoonni worra Leewwotaa Konaaniyaa'a, obboleewwan isaaniillee Shamaayaanii fi Naatinaa'eel, Hashaabiyaan, Yi'i'eelii fi Yoozaabaati hoolotaa fi re'iin ciincaa ayyaana faasika'aatiif ta'u kuma shanii fi sangoota dhibba shanii worra Leewwotaatii kennan. Wonti ayyaana faasika'aatiif qopheessan haga qophaayeen maayessa worri gadootaatii fi worri Leewwotaa akkuma mootichi isaan ajajetti hujii adda addaa hojjachu'uuf hulee isaanii kenname qabatanii dhaabatan. Gogaa korbeeyyii hoolotaatii fi ka re'iinii ka ayyaana faasika'aatiif qalame worra Leewwotaatitu irraa kaase; worri gadootaa garuu dhiiga san hulee ciinca'aatitti facaasan. Akkuma kitaaba seera Muuse'ee keessatti barreeffame akka Rabbiif dhiyeessanii fi akka maatii ijoollee banii abboota ufiitii kennaniif ciincaa ciincawu addaan baasan; sangootallee akkasuma addaan baasan. Ciincaa ayyaana faasika'aatiif ta'u ibiddatti woddanii kennaa woyyoome otte'etti, xuwwe'ee fi kere'etti affeelanii banii maraafuu yoma san qoodan. Kanaan maayessa worri Leewwotaa ufii fi gadoota fiixaa Aaroonii ta'aniif ciincaa ayyaana faasika'aa qopheessan; wonti waan kana qopheessaniif worri gadootaa ciincaa ciincawuu fi cooma ciincawu maraa halkan guutuu waan ciincessa'aa bulaniif. Faarfattoonni ijoolleen Aaroonii akkuma ajaja Daawitii, akkuma Asaafii, akkuma Emaaniitii fi akkuma Eedootaamii mootichaa raaguutitti hule hulee qabatan; worri balbala mana woyyu'uu eeganillee balbala mana woyyu'uu eega'aa turan; isaan waan worri Leewwotaa waan maraa isaanii qopheessaniif hujii ufii irraa hin fagaatan turan. Akkuma ajaja mooticha Iyyoosiyaasiititti ciincaa hulee ciinca'aa irratti Rabbiif dhiyaatu haa dhiyeessani'iif ayyaana faasika'aallee akka ayyaanteeffataniif, wonti Rabbiif hojjatan maruu guyyama san qophaaye. Worri Israa'elii worri qophaayan guyyama san ayyaana faasika'aatii fi ayyaana xorosho'oo haga guyyaa torbaa ayyaanteeffatan. Bara Saamu'eelii raattichaa irraa jalqabee ayyaanni faasika'aa ka akkanaa kun biyya Israa'elii keessatti sirima ayyaanteffamee hin beeku; ayyaana akka ayyaana baniin Israa'eliitii fi baniin biyya Yihuuda'aa ka achi jiran ayyaanteeffatan caalaa ka ayyaana akkanaa kana ayyaanteeffate hin jiru. Ayyaanni faasika'aa kun mootichi Iyyoosiyaas mooyee woggaa kudha saddeetesso'ootitti ayyaanteeffame. Mootichi Iyyoosiyaas haga mana woyyuu haarawoomseen maayessa mootiin biyya Misirii Nikaa'uun Karkamishii laga Efraaxisii bira jiru biratti isaan wol lolu'uuf baye; mootichi Iyyoosiyaasillee isaan wol lolu'uuf baye. Nikaa'uun garuu mooticha Iyyoosiyaasiin, «Ati mootii biyya Yihuuda'aa! wonti anaa fi si'i wol lolchiisu hin jiru; ani diintota kiyyaan lolu'uuf dhufe malee siin wol lolu'uuf hin dhufne; ani akka daddafee diintota kiyyaan lolu Rabbi na ajajeera; Rabbi waan na woliin jiruuf uduu naan morkuu baattee sii woyya; yoo didde garuu Rabbi si balleessa» jedhee dhaamsa itti erge. Iyyoosiyaas garuu isaan wol lolu'uuf murteeffate, waan Rabbi mooticha Nikaa'uu irraan dubbate dhagawuu hin feene; uffata mootumma'aa jijjiiratee nama biraa fakkaatee dhooqa Magido'ootitti isaan wol lolu'uuf dhaqe. Worri ebo'oon lolan mooticha Iyyoosiyaasiin woraannaan inni worra isa woliin jiruun, «Ani guddisee woraannamee madaayeeraa lola keessaa na baasaa'a!» isaaniin jedhe. Worri isa woliin jiranillee gaarii fardaa san irraa buusanii gaarii isaa ka fardaa ka lammeesso'oo irra isa kaayanii gara Yerusaalemii isa fidan; inni du'ee hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalame; baniin biyya Yihuuda'aatii fi baniin biyya Yerusaalemii maruu mootii Iyyoosiyaasiif booyan. Ermiyaas raattichi hoolemanchoo fideef; faarfattoonni dhiiraatii fi ta intalaa wolaloo booyaa irratti haga adhaa waan mooticha Iyyoosiyaasii dubbatan; wonti kun aadaa biyya Israa'elii keessatti wolaloo booyaa keessatti barreeffameera. Wonti mootichi Iyyoosiyaas hojjate, jaalalli inni Rabbiif qabu, akki inni seera Rabbiitiif ajajamu, seenaan isaa ka jalqaba irraa haga dhumaa jiru maruu seenaa kitaaba mootota biyya Israa'eliitii fi ka biyya Yihuuda'aa keessatti barreeffameera. Baniin biyya Yihuuda'aa Iyyoo'aakisii ilma Iyyoosiyaasii bikka abbaa isaa Yerusaalemitti isa moosisan. Iyyoo'aakisi hennaa mooyu dargaggeessa woggaa diddamii sadihii ture; Yerusaalemiin keessatti ji'a sadihi bulche. Mootichi biyya Misirii Nikaa'uun Iyyoo'aakisiin hidhee baniin biyya Yihuuda'aa birrii saqilii dhibba tokkoo fi worqii saqilii tokko akka isa gabbaran taasise. Mootichi biyya Misirii obboleessa Iyyoo'aakisii Eeliyaaqee biyya Yihuuda'aatii fi biyya Yerusaalemii irratti moosisee maqaa isaallee Iyyoo'aaqeem jedhee itti baase; Nikaa'uun Iyyoo'aakisii obboleessa isaa gara biyya Misirii fide. Iyyoo'aaqeem hennaa mooyu dargaggeessa woggaa diddamii shanii ture; Yerusaalemiin keessatti woggaa kudha tokko bulche; innillee Rabbii Waaqa ufii afo'otti waan hamaa hojjate. Mootiin biyya Baabiloonii Nabukadanatsoor biyya Yihuuda'aa marsee Iyyoo'aaqeemiin haada sibiila ka sibiila diimaa irraa hojjatameen hidhee gara biyya Baabiloonii isa fide. Mootichi Nabukadanatsoor mana woyyuu Rabbii keessaa mi'a baay'ee saamee mana mootumma'aa ka biyya Baabiloonii keessa jiru keessa kaaye. Wonti mootichi Iyyoo'aaqeem hojjate, wonti hamaan inni godhe maruu kitaaba seenaa mootota biyya Yihuuda'aatii fi ka biyya Israa'elii keessatti barreeffameera; bikka isaa ilma isaa Yoo'aakinitu mooye. Yoo'aakiin hennaa mooyu dargaggeessa woggaa kudha saddeetii ture; Yerusaalemiin keessatti ji'a sadihii fi guyyaa kudhan bulche; innillee Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjate. Hennaa jiini badheessaa gayu Nabukadanatsoor nama itti ergee gara biyya Baabiloonii isa fide; meeshaa woyyuu mana Rabbii keessa jirullee hin fudhachiise, obboleessa ufii Sedeqiyaasiin biyya Yihuuda'aatii fi biyya Yerusaalemii irratti moosise. Sedeqiyaas hennaa mooyu dargaggeessa woggaa diddamii tokkoo ture; Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa kudha tokko bulche. Innillee Rabbii Waaqa ufii afo'otti waan hamaa hojjatee Rabbiin gaddisiise; Ermiyaasii raatticha dubbii Rabbii itti hime gara laafumma'aan hin dhageenne. Mootichi Sedeqiyaas armaan dura mooticha Nabukadanatsoor akka inni isaa amanamaa ta'uuf kakachiisee isa moosise irratti ka'e gaabbee aagii galee gara Rabbii Waaqa Israa'elii deebi'uu dide. Akkasuma bulchoonni gadootaatii fi baniin maruu yakka ormi baay'een hojjatan hojjatanii mana woyyuu Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiru batteessan. Rabbi Waandhi abboota isaanii bani'ii fi mana woyyuu ufiitiif waan gaddeef raattota ufii ganama ganama isaanitti erga'aa ture. Isaan garuu haga lolli Rabbii banii irratti dhufutti akka fayyummaa sirima argachuu hin dandeennetti raattota Rabbiititti kolfa'aa dubbii isaaniillee salphisa'aa isaanitti balda'aa turan. Kanaaf Rabbi mootii Baabiloonii isaanitti fide; inni ka'imtoota isaanii mana woyyuu keessatti fixe; Rabbi mooticha Nabukadanatsooriif dabarsee waan isaan kenneef inni jaarsa, ka'ima, dhiiraa fi intala eennuunillee uduu addaan hin baafne uduu isaanii garaa hin laafne maraa fixe. Mootichi biyya Baabiloonii Nabukadanatsoor mi'a mana Rabbii didiqqa'aa fi gugurdaa, galmee mana woyyuu Rabbii jiruu fi galmee bulchootaatii fi ka moototaa gara biyya Baabiloonii fide. Mana woyyuu Rabbii hin guban; dallawa Yerusaalemiillee hin diigan; galma isi'iillee ibiddaan guban; meeshaa isi'ii mishaa maraa hin balleessan. Worra guraadee jalaa bayan booji'ee gara biyya Baabiloonii isaan fide; isaan haga mootiin biyya Faaresii mooyuutitti garboota ijoollee isaaniitii fi ka mootichaa ta'an. Akkaataa kanaan Rabbi tanaan dura karaa raatticha Ermiyaasiitiin «Baniin akkuma Sambata kabajjuu didaniin biyyi sun haga woggaa torbaatamaa ona ta'ee waan hafuuf hara baafata Sambataa argatti. » jedhu dubbiin raagaa raawwatame. Dubbiin Rabbii ka raattichi Ermiyaas dubbate akka raawwatamuuf Rabbi Qiroosii mootii biyya Faaresii woggaa jalqabaa bulchiinsa isaa keessatti akka labsiin labsamuu fi akka barreeffamu isa kakkaase. Qiroos mootiin biyya Faaresii, «Rabbi Waandhi sami'ii mootota biyya lafaa maraa naa kenneera; Yerusaalemii biyya Yihuuda'aa keessa jirtu keessatti akka mana isaa ijaaru na ajajeera; Rabbi banii isin keessa jiru maraa woliin haa jiraatu; kanaafuu worri nama Rabbii taatan maruu gara Yerusaalemii dhaqaa'a» jedhee labsii labsisiise. Qiroos mooyee bara jalqabaatitti dubbiin Rabbii ka afaan Ermiyaasii raattichaan dubbatame akka raawwatamuuf Rabbi mootii Faarisii Qiroosiin kaase; inni biyya ufii bulchu marattuu labsii labsisiise; barreeffamaanillee akkana jedhe. Mootiin Faarisii Qiroos akkana jedha «Rabbi Waandhi sami'ii mootota biyya lafaa maraa naa kenneera; Yerusaalemii biyya Yihuuda'aa jirtu keessatti akka mana isaa ijaaru na ajajeera. Isin keessaa worri banii Rabbii taatan eennuunillee yoo ta'e Waandhi isa woliin haa jiraatu; namni sun gara Yerusaalemii biyya Yihuuda'aa keessa jirtuu dhaqee Waaqa Yerusaalemiin keessa jiraatuuf mana haa ijaaruu; Namoonni du'a irraa hafan kunniin hennaa deebi'an namoonni naannoo isaaniititti isaan woliin jiraatan maruu birrii, worqii, meesha'aa fi horii fe'a'aatiinillee isaan haa gargaaranii; kun kennaa addaa ka fedha ufiitiin mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiruu kennan haa ta'uu.» Achiin maayessa bulchoonni manniin abboota Yihuuda'aatii fi ka Biiniyaamii, gadoonni, worri Leewwotaa, mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiru ijaaru'uuf akka bayan worri Rabbi onnee isaanii kakkaase maruu ka'an. Worri naannoo isaanii jiraatan maruu waan fedha ufiitiin dhiyeessan maraa keessaa kennaa biraallee meeshaa birri'iitii fi meeshaa worqi'ii, birrii isaaniitii fi horii isaaniitiin, kennaa biraatiinillee isaan gargaaran. Mootiin Qiroos meeshaa mana Rabbii ka Nabukadanatsoor mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiru keessaa fudhatee mana Waaqa tolfamaa ufii keessa kaaye maraa hin baase. Motiin Faarisii Qiroos meeshaa mana qulqulluu keessa jiru sanniin bulchaa meeshaa mana mootumma'aa ka Mitiridaaxuu jedhamuun laakkobsisee Sheshabazaarii mootii biyya Yihuuda'aatitti kenne. Laakkobsi meesha'aallee; gabateen keennaa itti dhiyeessan ka worqii irraa hojjataman soddoma, gabateen kennaa itti dhiyeessan ka birrii irraa hojjataman kuma tokko, billoofni diddamii sagal, qoriin dhaga'aa ka worqii irraa hojjataman soddoma, qoriin gara garaa dhibba afurii fi kudhan, meeshaan biraallee kuma tokkotu jira. Meeshaan worqi'iitii fi ka birri'ii wolumatti qabaa kuma shanii fi dhibba afur. Meeshaa kanniin maraa Sheshbazaar booji'amtoota biyya Baabilooniitii gara Yerusaalemii dhufan woliin fudhate. Namoonni mootiin Nabukadanatsoor gara Baabiloonii booji'e namoonni biyyaa ka gara Yerusaalemiitii fi gara biyya Yihuuda'aa deebi'an kanniin. Masakkoonni worra baqattootaa ta'anii dhufan Zarubaabeel, Iyyaasuu, Nahimiyaa, Saraayaa, Raa'ilaayaa, Mardokiyoos, Balaasaan, Maseefaar, Baguwaayi, Reehuumii fi Ba'aanaa fa'a. Laakkobsi banii ijoollee Israa'elii kana. Fiixaan Faaroosii 2,172; Fiixaan Safaaxiyaasii 372; Fiixaan Eera'aa 775; Fiixaan Fahaatii, ta Moo'aabii ta worra Iyyaasu'uutii fi Iyyo'aabii ta'an namoota 2,812; Fiixaan Eela'aa namoota 1,254; Fiixaan Zaatu'ii namoota 945; Fiixaan Zakaayii namoota 760; Fiixaan Baani'ii 642; Fiixaan Beebaayii 623; Fiixaan Azigaadii 1,222; Fiixaan Adooniqaamii 666; Fiixaan Baguwaayii 2,056; Fiixaan Aadinii 454; Fiixaan Axeerii nama gosa Hisqiyaasii 98; Fiixaan Beesaayii 323; Fiixaan Yoora'aa 112; Fiixaan Hasuumii 223; Fiixaan Gaabeerii 95; Namoonni Beetaliheemii 123; Namoonni Naxoofa'aa 56; Namoonni Anaatootii 128; Fiixaan Azimootii 42; Fiixaan Qiriyaati'aarimii, ta Kaafira'aatii fi ta Bi'eerootii 743; Fiixaan Raama'aatii fi ta Geeba'aa 621; Namoonni Maakimaasii 122; Namoonni Beeteeliitii fi namoonni Gaayii 223; Fiixaan Naabawuu 52; Fiixaan Mageebsii 156; Fiixaan Eelaa nama lammeesso'oo 1,254; Fiixaan Kaarimii dhibba 320; Fiixaan Loodii, ta Hadaadiitii fi ta Anoomii 725; Fiixaan Iyyaariko'oo 345; Fiixaan Seena'aa 3,630; Fiixaan Yoodaahe'ee gadoonni worri gosa Iyyaasu'uu 973; Fiixaan Imeerii 1,052; Fiixaan Faaskoorii 1,247; Fiixaan Kaarimii 1,017; Leewwonni gosa Hoodaayiwa'aa fiixaan Iyyaasu'uutii fi ta Qadimi'eelii 74; Fiixaan Asaafii faarfattoonni 128; Fiixaan Saluumii, fiixaan Axeerii; fiixaan Xeelmoonii, fiixaan Aquubii; fiixaan Haxiixa'aatii fi fiixaan Soobaayii maruu 139 kunniin worra balbala mana woyyu'uu eegan. Tajaajiltoonni mana woyyu'uu fiixaa Siha'aa, fiixaa Hasufa'aatii fi fiixaa Xabi'ootii, fiixaa Keeraasii, fiixaa Si'a'aa, fiixaa Faadoonii, fiixaa Liibaana'aa, fiixaa Agaaba'aa, fiixaa Aquubii, fiixaa Agaabii, fiixaa Samlaayii, fiixaa Hanaanii, fiixaa Gedeelii, fiixaa Gahaarii, fiixaa Raayya'aa, fiixaa Ra'aasoonii, fiixaa Neqoda'aa, fiixaa Gaaseemii, fiixaa Ooza'aa, fiixaa Faaseha'aa, fiixaa Beesaayii, fiixaa Asina'aa, fiixaa gosa Mi'unootaa, fiixaa Nifusaalimii, fiixaa Baaqbuuqii, fiixaa Haqufa'aa, fiixaa Harhurii, fiixaa Baaslootii, fiixaa Mihiida'aa, fiixaa Harsa'aa, fiixaa Baarqoosii, fiixaa Siisaara'aa, fiixaa Teema'aa, fiixaa Niisiya'aatii fi fiixaa Haxifa'aati; kunniin tajaajiltoota mana woyyu'uuti. Fiixaan tajaajiltoota Solomoonii; fiixaan Sooxaayii, fiixaan Soofereetii, fiixaan Fiiruda'aa, fiixaan Yaa'ila'aa, fiixaan Daarqoonii, fiixaan Gedeelii, fiixaan Safaaxiyaasii, fiixaan Haxiilii, fiixaan Faakiraatii, fiixaan Haxibooyimii, fiixaan Ami'ii, Tajaajiltoonni mana woyyu'uutii fi fiixaan tajaajiltoota Solomoonii 392; kunniin maruu fiixaa tajaajiltoota Solomooniiti. Worri kunniin garuu worra qachaa Telmeelaa; Telaareesaa, Kiruubi, Adaanii fi Imeeriin keessaa bayan. Garuu isaan manniin abboota ufiitii fi fiixaa ufii yookaan worra gosa Israa'elii ta'uu isaanii uf beessisuu hin dandeenne. Fiixaan Daalaya'aa, fiixaan Xoobbiya'aatii fi fiixaan Neeqoda'aa 652; Fiixaan gadootaa fiixaan Eebbiya'aa, fiixaan Aqoosii, fiixaa Beerzeelii fa'a; Beerzeeli sababaan maqaa kanaan waamameef mucattii Beerzeelii nama gosa Gala'aadii waan fuudhee tureef. Kunniin Kitaaba dhalootaa keessa fiixaa ufii soqatanii turan garuu hin arganne. kanaaf adda baafaman; akka batti'iititti laallaman. Haga gadichi bulchaan biyyaa ka Uurimii fi Tumiimiin fedha Waaqaa ittiin gaafatu mooyuuf Woyyittii Woyyootaa keessaa hin nyaattan isaaniin jedhe. Faradoon isaanii 736; Gaangiin isaanii 245; Gaallan isaanii 435. Harriin isaanii 6,720; Hennaa gara mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiruu dhufan bulchoota manniin abboota isaanii keessaa baay'een isaanii akka manni Rabbii naannoo isaaniititti ijaaramuuf fedha ufiitiin lafa kennan. Kennaan isaan hujii mana woyyu'uutiif akkuma dandeettii isaaniitiin fedha ufiitiin kennan yoo wolitti eda'an worqii saqilii 500, Birrii saqilii 2,786 ta'e; uffata gadootaaf ta'ullee 100 akkuma dandeettii isaaniitiin kennan. Tajaajiltoonni mana woyyu'uu worri gadootaa Leewwonni banii keessaa namoonni baay'een worri faarfattootaa, worri balbala eegan, hojjattoonni qachoota ufii maraa woliin, worri Israa'elii maruu qachoota abboota ufii keessa jiraatan. Hennaa jiini torbeesso'oo gaye ijoolleen Israa'elii uduu qachoota isaanii keessa jiraatan baniin yaada tokko ta'anii Yerusaalemitti wol gayan. Ilmi Iyyooseedeeqii Iyyaasuunii fi hiriyyoonni isaa gadoonni, ilmi Salaatiyaalii zarubaabeel obboleewwan ufii woliin ka'anii akkuma Seera Muusee nama Rabbiitiin barreeffametti ciincaa ciincawu irratti dhiyeessu'uuf hulee ciincaa irratti dhiyeessan Rabbii Waaqa Israa'eliitii hojjatan. Waan banii biyyaa sodaataniif waan ciincaa irratti dhiyeessan san achuma kaayanii ganamaa fi galgala ciincaa ciincawu Rabbii irratti dhiyeessan. Akkuma seerri ajajutti ayyaana daase'ee ayyaanteeffatan; ciincaa ciincawullee ka guyya'aaf barbaachisu maraa laakkobsaan dhiyeessan. Achiin maayii hennaa maraa ciincaa ciincawu, ciincaa jalqaba ji'aa ciincawu, ciincaa qulqulluu ayyaannan Rabbiitiif ciincawu, waan namni maruu fedha ufiitiin Rabbii kenne maraa dhiyeessan. Ji'a torbeesso'oo guyyaa jalqabaa uduu bu'uurri mana woyyu'uu hin hundeeffamin ciincaa ciincawu Rabbiif dhiyeessuu jalqaban. Worra muka bocuu fi worra mana ijaaruu birrii kennan; akkuma mootiin Faarisii isaan ajajetti muka hindheessaa biyya libaanoosiitii galaana gubba'aan gara Iyyoophe'ee akka fidan namoota biyya Siidoona'aatii fi namoota biyya Xiroosiitii waan nyaataa, waan dhuganii fi sayitiillee kennaniif. Gara mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiruu haga dhufan woggaa lammeesso'oo keessa ji'a lammeesso'ootitti ilmi Salaatiyaalii Zarubaabeel, ilmi Iyyooseedeeqii Iyyaasuun, hiriyyoonni isaanii worri hafan gadoonninii fi worri Leewwotaa, worri booji'amee gara Yerusaalemii dhufan maruu ijaaruu jalqaban; worra umuriin isaanii woggaa diddamaatii fi ka achii olii hujii mana Rabbii akka hojjachiisaniif worra Leewwotaa muudan. Iyyaasuunii fi ijoolleen isaa, obboleewwan isaa, ijoolleen Yihuuda'aa, Qadimi'eelii fi ijoolleen isaa, ijoolleen Hoodaadiya'aa, ijoolleen isaaniitii fi worri Leewwotaa obboleewwan isaanii worra mana Rabbii hojjatan akka hojjachiisaniif wol ta'anii dhaabatan. Hennaa worri mana qulqulluu Rabbii ijaaran jalqaba ijaarsaa dhaaban; gadoonni uffata ufii uffatanii, xurumbaa ufii qabatanii ijoolleen Asaafii Leewwonni sibiila shaka shaka jedhu qabatanii akka seera Daawitii mootii Israa'eliititti Rabbiin galatoonfachu'uuf dhaabatan. «Rabbi arjaa waan ta'eef; Israa'eliifillee dhiifamsi isaa ka bara baraa waan ta'eef» jedha'aa wol jalaa qaba'aa Rabbiin galatoonfata'aa; ulfeeffata'aa turan; baniin maruu waan manni Rabbii jalqabameef qoonqa gudda'aan ililfatanii Rabbiin galatoonfatan. Manguddoonni mana woyyuu duraa argan, worri gadootaa hedduu fi worri Leewwotaa bulchoonni manni abboota isaanii hennaa isaan afo'otti manni kun jalqabame guddisanii booyan; namoonni hedduu gammadanii iyya'aa turan. Worra laagaa gammachu'uutiin wocanii fi laagaa worra booyanii banii keessaa ka gargar baasuu danda'e hin jiru. Baniin waan guddisee woca'aa tureef laagaan isaanii fago'oo dhagayama ture. Diintonni Yihuuda'aatii fi diintonni Biiniyaamii akka booji'amtoonni Rabbii Waaqa Israa'eliitii mana woyyuu ijaaran dhagayanii gara Zarubaabeliitii fi gara bulchoota gosa isaanii dhiyaatanii «Guyyaa mootiin Asoorii Asraddoon as nu fide irraa jalqabnee Waaqa keessanii ciincessa'aa turreerra; nullee mana woyyuu isin woliin haa hojjannuu» isaaniin jedhan. Garuu Zarubaabelii fi Iyyaasuun, gofti Israa'elii worri hafanillee «Nuu fi isin mana Waaqa keennaa wolitti hin ijaarru; nu hojjuma keenna akka mootiin Faarisii Qiroos nu ajajetti mana Rabbii Waaqa Israa'elii ijaarra» isaaniin jedhan. Achiin maayessa baniin biyya sanii banii biyya Yihuuda'aa dadhabsiisa'aa turan; isaan akka isaan hin hojjannellee isaan sodaachisan. Marii isaaniillee isaan jalaa balleessu'uuf bara Qiroosii mootii Faarisiitii jalqabee haga mootummaa Daariyoosii worra waa gorsan isaanitti bitan. Diintonni Yihuuda'aa bara mootichi Arxeeksis mooye bara jalqabaa worra biyya Yihuuda'aa jiraatanii fi worra Yerusaalemiin keessa jiraatanitti himannaa barreessan. Bara mootichi Arxeeksis mooye Biishilaam, Mitiriidaaxu, Xaabi'eel worri yaadaan isaan gargaaranillee mootii Arxeeksisiif xalayaa barreessan; xalayaan sun afaan Aramaayikiitii fi qubee Aramaayikiitiin barreeffame. Akkasuma Reehuumiin ajajaanii fi barreessaan isaa Siimsaayi Arxeeksisii mootii Yerusaalemiitiif xalayaa barreessan. Ajajaa Reehuumii fi barreessaa isaa Siimsaayiin irraa, akkasuma worri isaaniin wolii galan, worri gosa Diinii, worri Afarsaatikootaa, worri Arkootaa, worri Xarfaalotaa, worri Baabiloonii, worri gosa Suusinaakotaa, worri Deehotaa, worri Eelaamotaa; Worri Asnaafaariin guddaan hunna qabu biyya jiraatan keessaa isaan jijjiiree akka gara qachaa Samaariya'aatii fi laga gama jiraatan isaan taasise worri Yihuudii hin taane ka hafanillee akkana jedhanii xalayaa barreessan. Yaanni xalayaa ani mootii Arxeeksisiif ergee kana; namoonni laga gama jiran tajaajiltoonni kee, worri gosa Yihuudi'ii ka si biraa bayan gara keenna gara Yerusaalemii akka dhufan ati mootichi beeki; isaan qachaa hamtu'uu fi ta guddiftee baddu'uu deebisanii ijaara'aaran. Dallawa isi'iillee hin haarawoomsa'aaran; jalqaba isi'iillee jabeessaniiran. Kanaafuu mootii keenna! yoo qachaan tun deebitee ta ijaaramtu taate, dalloofni isi'iillee yoo ka haarawoomu ta'e; baniin gibira, qaraxaa fi kennaallee akka hin kennine; galiin mooti'ii galu akka dhidhatu mootichi haa beekuu. Nu waan mana mooti'iitii bu'aa argannuuf mootii yoo salphisan arguun waan nuu hin malleef xalayaa mootichatti erginee beessifneerra. Kitaabni seenaa abboota keetii haa qoratamuu, kitaaba seenaa abbootaa kana keessatti qachattiin tun dhibduu akka taate, moototaa fi worra godina bulchanillee akka miite, shiftaa ta'uun dur isii irraa akka jalqabame hin beetta; hin argitalle'e; kanaaf qachaan tun diiggamtee turte. Qachaan tun deebitee yoo ka ijaaramtu taate, dalloofni isi'iillee deebi'ee yoo ijaarame, laga Efraaxisii gamatti ati akka lafa hin qabne si mootichatti beessifna.» Mootichillee «ajajaa Reehuumii fi barreessaa isaa Siimsaayii, Samaariya'aa fi worra laga gama jiraatan ka isaan wolii galan worra hafanitti deebii akkana jedhu erge. «Xalayaan isin gara kiyya ergitan na afo'otti hiikkamee dubbifame. Anillee akka kitaabni seenaa moototaa qoratamu cimsee ajajeera; qachattiin tun dur irraa jalqabdee mootota irratti hamtuu akka taatee fi isii keessatti shiftaa ta'uunii fi dhibuun argameera. Yerusaalemiin keessallee mootota gugurda'atu ture. Isaan biyya laga gamaa maraa bulcha'aa turan; gibira, qaraxaa fi kennaallee fudhata'aa turan. kanaafuu amma namoonni kunniin hujii akka dhiisan, haga ani ajaja biraa dabarsutti akka qachattiin tun hin ijaaramne isaan ajajaa'a. Akka rakkoon woyiituu mootummaa keenna irra hin geennee fi isinillee akka hin gaafatamne lash akka hin jenne uf eegaa'a.» Hennaa gara galchi xalayaa mooticha Arxeeksisii Reehuumii ajajaa, barreessaa isaa Siimsaayii fi worra isaan wolii galan afo'otti dubbifame, yoma san daddafanii gara biyya Yerusaalemiitii fi gara biyya Yihuuda'aa dhaqanii hunnaan giddi'iin hujii isaanii dhaabsisan. Kanaaf hujiin mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiru dhaabate; mootii Faarisii irraa jalqabee haga mootummaa Daariyoosii haga woggaa lammeesso'oo duubatti harkifate. Hennaa san worri raaga dubbatan Hageenii fi fiixaan Ado'oo Zakkaariyaasillee worra Yihuuda'aa fi Yerusaalemiin keessa jiranitti maqaa Waaqa Israa'eliitiin raaga isaanitti dubbatan. Hennaa ilmi Salaatiyaalii Zarubaabel, ilmi Iyyooseedeeqii Iyyaasuun fa'a ka'anii mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiru ijaaruu jalqaban raattonni Rabbii ka isaan gargaaranillee isaan woliin turan. Bara san bulchaan laga Efraaxisii gama jiru Tantinaayi, akkasuma Satarbuzinaayi, worri isaaniin wol ta'anillee gara isaanii dhufanii «Akka mana kana ijaartan, dallawa kanallee akka haarawoomsitan eentu isin ajaje?» isaaniin jedhan. Maqaan namoota hujii kana hujanii hoo eennu? jedhanii isaan gaafatan. Ijji Waaqa isaanii garuu jaarsota Ayihuudi'ii waan eega'aa turteef; wonti kun mooticha Daariyoosiin bira gayee deebiin xalaya'aan haga deebi'uuf hujii isaan hin dhooggine. Yaanni xalayaa mooticha Daariyoosiif erganii ka Tantinaayii, ka Satarbuzinaayii, akkasuma ka Afarsikoota isaan gargaaran ka laga Efraaxisii gama jiraataniillee kana ture. Xalayaa akkana jedhu isaa ergan. «Bulchiinsa mooticha Daariyoosiitiif nageenni haa ta'u! Gara biyya Yihuuda'aa gara mana Waaqa gudda'aa akka dhandhe mootichi haa beekuu. Inni dhagaa gugurda'aa fi muka bocameen ijaarame, girgiddaa keessaa muka bocame godhan; hujiin mana saniillee harkuma isaaniitiin daddafee hojjatama'aara. «Jaarsota sanniinillee ‹Akka mana kana ijaartan, girgiddaa isaallee akka haarawoomsitan eentu isin ajaje?› jennee gaafanne. Akkasuma worra muudaman ka isaan bira jiran sitti beessisu'uuf maqaa isaanii gaafanne. «Isaan nuun ‹Nu'u garboota Waaqa ardi'ii fi Samii uumeeti; kanaafuu mana mootichi Israa'elii guddaan baroota baay'e'een dura ijaareefii ture deebifnee ijaara'aarra» jedhanii nuu deebisan. Abboonni teennallee Waaqa Sami'ii waan mufachiisaniif Nabukadanatsoorii mootii Baabiloonii nama gosa Kalaadaawotaatitti dabarsee isaan kenne. Mootichi kun mana kana diigee banii ammo gara Baabiloonii ari'e. Haa ta'uu ammo bara mootiin Baabiloonii Qiroos mooye woggaa jalqabaatitti, Qiroos mootichi mana Rabbii kana akka ijaaran ajaje. Meeshaa mana Rabbii ka birri'iitii fi ka worqi'ii ka mootichi Nabukadanatsoor Mana Woyyuu Yerusaalemiin keessa jiruu fuudhee gara mana qulqulluu Baabilooniin keessa jiruu fide, mootichi Qiroos mana qulqulluu Baabilooniitii baasee nama muudamaa Sasaabisaar jedhamutti kennee, «Meeshaa kanniin qabadhuu deemiitii mana qulqulluu Yerusaalemiin keessa jiru keessa kaayi; manni Rabbiillee hulee sanitti haa ijaaramuu» jedheen. Kanaafuu Shashbaazaar dhufee mana qulqulluu Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiru ijaaruu jalqabe. Garuu hennaa san irraa jalqabee manni woyyuun haga hennaa sanii ijaaramee hin dhumanne.› «Ammallee wonti kun mooticha afo'otti yoo waan mishaa ta'e, manni Rabbii kun Yerusaalemiin keessatti akka hojjatamuuf yoo mootichi Qiroos ajajee jiraate manni galme'ee ka Baabilooniin keessa jiru haa qoratamuu; waan kanaafillee mootichi murtii ufii nutti haa beessisuu.» Hennaa san mootichi Daariyoos kitaabonni mana galmee Baabilooniin keessa jiru maruu akka qoratamu ajaje. Qachaa «Ahimtaa» jedhamtu ta godina Meedooniititti mana mootichaa keessatti kitaabni marame argame; wonti isa keessatti barreeffame kanatti aaneera. Mootichi Qiroos mooyee woggaa jalqabaatitti «Huleen ciinca'aa ka mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiruu itti dhiyeessan haa hojjatamuu, bu'uura jaba'aan haa jalqabamuu, dheerinni isaa ciqilee jahaatama, dalgi isaallee ciqilee jahaatama haa ta'uu. Naannaya isaa sadiin dhagaa gugurda'aan haa ijaaramuu; naannofni tokko ammo mukaan haa ijaaramuu; birrii mana kana ijaaru'uuf bawu mootichi haa kennuu. Akkasuma meeshaan mana Rabbii ka worqi'iitii fi ka birri'ii ka mootichi Nabukadanatsoor Mana Qulqulluu Yerusaalemiin keessa jiruu fuudhee mana qulqulluu Baabilooniin keessa jiru keessa kaaye gara Mana Qulqulluu Yerusaalemii keessa jiruu gara hulee ufii deebi'ee manuma Rabbii keessa haa jiraatuu.» jedhee ajaje. Kanaan maayessa mootichi Daariyoos ajaja akkana jedhu dabarse « Tantinaayi bulchaa biyyaa ka laga Efraaxisii gama jirtu; akkasuma Satarbuzinaayii fi gargaartoonni keessan ka laga Efraaxisii gama jiran worri Afarsikaawotaallee Mana Qulqulluu biraa fagaadhaa'a; Manni Rabbii kunillee haa ijaaramuu dhiisaa'a. Bulchoonni biyya Ayihuudi'iitii fi jaarsonni biyya Ayihuudi'ii mana Rabbii hulee isaatitti haa ijaaranii isaan dhiisaa'a. Mana Rabbii kana akka ijaaraniif wonti isin jaarsota biyya Ayihuudi'iitiif gootan gibira biyya laga Efraaxisii gamaa dhufu, birrii mooti'ii keessaa baasii akka isaanii gootan, hujii kana jabaatanii akka hojjatan hujii akka isaan hin hiissifne ajajeera. Ciincaa Waaqa Sami'iitiif ciincawu, jiboole'ee fi korbeeyyii hoola'aa, korbeeyyii darmii akkuma fedha gadoota Yerusaalemiin keessa jiraataniititti qamadii, sooqidda, daadhii woyini'iitii fi Sayitii ejersaa guyyama guyya'aan uduu addaan hin kunne isaanii kennaa'a. Kunillee akka ciincaa urgaawaa Waaqa sami'iitiif dhiyeessanii fi akka ana mootichaa fi umurii ijoollee tiyyaatiifillee kadhataniif. nama ajaja kana jijjiire maraa utubaan mana isaa buqqa'ee inni itti haa fannifamuu, mana isaa ammo kosii itti gataa'a jedhee ajajeera. Waandhi maqaa ufii achi keessa kaayellee, mootota waan kana jijjiiru'uuf harka ufii badhisanii mana Rabbii ka Yerusaalemiin jiru diigu'uuf ta'an haa balleessu; ani Daariyoos manni kun hojjatamee akka raawwatamu ajajeera. Kun jabeennaan haa hojjatamuu.» Asiin maayessa akkuma dubbii mootichi Daariyoos ergeetitti bulchaan laga Efraaxisii gama jiru Tantinaayi, Satarbuzinaayi, akkasuma worri isaan gargaaranillee jabaatanii hojjatan. Jaarsonni biyya Ayihuudi'ii raaga raatticha Hage'eetii fi raaga raatticha fiixaa Ado'oo Zakkaariyaasiitiin ijaaran, isaanii qajeelelle'e. Akka ajaja Waaqa Israa'elii, akka mootota Faarisii, akka mooticha Qiroosii, akka ajaja Daariyoosiitii fi akka mooticha Arxeeksisiititti ijaaranii raawwatan. Manni kun bara mootichi Daariyoos mooye woggaa jaheesso'oo ji'a Adaar jedhamu guyyaa sadeesso'ootitti raawwatame. Ijoolleen Israa'elii gadoonninii fi Leewwonni, booji'amtoonni hafanillee ayyaana eebba mana Rabbii kana gammachu'uun kabajjan. Isaan eebba mana Rabbii kanaaf jiboolee dhibbaa, Korbeeyyii hoola'aa dhibba lamaa fi korbeeyyii hoola'aa darmii dhibba afur fidan; ciincaa cubbu'uutiif akka laakkobsa gosa Israa'eliititti isaan maraafuu korbeeyyii Re'iinii kudha lama fidan. Akkuma kitaaba Muuse'ee keessatti barreeffame tajaajila mana Rabbii ka Yerusaalemiin keessa jiru irratti worra gadootaa akka ballii isaaniititti, worra leewwotaallee akkuma garee isaaniitiin dhaabsisan. Worri booju'uu deebi'anillee ji'a jalqabaa guyyaa kudha arfaffa'aatitti ayyaana faasika'aa ayyaanteeffatan. Gadoonninii fi worri Leewwotaa akkuma seeraatitti uf qulqulleessan; worri Leewwotaallee ayyana faasika'aatitti banii booju'uu deebi'anii fi gadootaaf akkasuma ufiifillee horii dhiyeeffatan qalan. Ijoolleen Israa'elii ta booju'uu deebite worri Rabbii Waaqa Israa'elii waaqeffatu'uuf jedhanii waan battii irraa uf eegan maruu waan Rabbi isaan gammachiiseef woliin hin nyaatan. Mootichi biyya Asoorii akka manni Rabbii ijaaramuuf isaan haa jajjabeessu'uuf Rabbi onnee isaa gara isaanii deebisee waan isaan gammachiiseef ayyaana xorosho'oo haga guyyaa torbaa gammachu'uun ayyaanteeffatan. Waan kanaan maayii bara mootichi Arxeeksis biyya Faarisii irratti mooye, nama Izraa jedhamu ka biyya san keessa jiraatu tokkotu ture. Hiddi fiixaa hortee abboota isaa kana. Izraa, ilma Saraaya'aa, ilma Azaariyaasii, ilma Kelqiyaasii, ilma Saloomii, ilma Saadooqii, ilma Akixoobii, ilma Amaariya'aa, ilma Azaariyaasii, ilma Maraayootii, ilma Zara'iyya'aa, ilma Oozii, ilma Buuqii, ilma Abiisuu, ilma Finihaasii, ilma Alaazarii, ilma Aaroonii gadicha gudda'aa; Izraan kun Baabilooniin keessaa bayee gara Yerusaalemii dhaqe; inni barsiisaa seeraa ka Rabbiin Waaqa Israa'elii Muuse'etti kenneeti. Waan hunni Rabbii Waaqa Israa'elii isa woliin jiruuf mootichi waan inni fedhe maraa kenneef. Bara mootichi Arxeeksis mooye woggaa torbeesso'ootitti ijoollee Israa'elii keessaa gadoonni, worra Leewwotaa keessaa, Faarfattoota keessaa, worra balbala eegan keessaa, Hojjattoota mana woyyu'uu keessaallee namoonni baay'een gara Yerusaalemii dhaqan. Izraan mootichi Arxeeksis mooyee woggaa torbeesso'oo ji'a shaneesso'ootitti Yerusaalemiin gaye. Ji'a jalqabaa guyyaa jalqabaa biyya Baabiloonii keessaa bawuu jalqabe. Hunni Waaqa isaa guddaan waan isa irra jiruuf ji'a shaneesso'oo guyyaa jalqabaatitti Yerusaalemiin gaye. Izraan seera Rabbii eegee raawwatuuf, worra Israa'eliillee seera kanaa fi murtiillee barsiisu'uuf onnee ufii qopheessee ture. Yaanni xalayaa mootichi Arxeeksisii ka Izraa gadicha barreessaa ajaja dubbii Rabbiitii fi seera Israa'elii barreessa'aa turetti kennee kana. «Arxeeksisii mootii moototaa irraa Izraa gadicha seera Waaqa Sami'ii barreessuu nageenni haa ta'u. «Banii Israa'elii ka bulchiinsa kiyya keessa jiran gadootaa fi worra Leewwotaa keessaa namni gara Yerusaalemii deemuu barbaadu maruu akka si woliin deemu ajajeera. Akka seera Waaqa keetii ta si harka jirtuutitti, akka biyya Yihuuda'aatii fi Yerusaalemiin qorattu, worra jireenni isaanii Yerusaalemiin keessa ta'e gorsitoota torbaa sii ergeera. Mootichaa fi worri isa gorsan, birri'ii fi worqii fedha ufiitiin Waaqa Israa'eliitii dhiyeessan qabadhuu deemi. Birri'ii fi worqii godina Baabiloonii keessatti argitu maraa, waan baniinii fi gadoonni mana Waaqa ufii ka Yerusaalemiin keessa jiruu fedha ufiitiin dhiyeessan akka fudhattu, ati waan mootichaa fi worra isa gorsu torbaniin ergamteef, Birrii kanaan jiboolee'e, korbeeyyii hoolotaatii fi korbeeyyii hoolotaa darmiillee, kennaa isaanii ka midhaaniitii fi ka waan dhuganii jabaadhuu bitii hulee ciinca'aa ka mana Waaqa keessanii ka Yerusaalemiin jiru irratti dhiyeessi. Birri'ii fi worqii hafe ammo atii fi obboleewwan tee akka fedha Waaqa keessaniititti waan isin gammachiisuun godhaa'a. Meeshaa mana Waaqa keetii ka akka ittiin tajaajiltuuf sitti kenname gara mana Waaqa Yerusaalemitti waaqeffamuu fidi. Kana caalaallee waan mana woyyu'uuf kennuu barbaaddu maraa galmee mana mooti'ii keessaa fudhachuu dandeetta. «Ani mootichi Arxeeksis qabduu horii mooti'ii worra laga Efraaxisii gama jiran marattuu ajaja kana kenneera; waan Izraan gadichi seera Waaqa Sami'ii barreessu isin irraa barbaadu maraa qopheessa'aaf. Birrii kiloo kuma sadihii fi dhibba afurii, qamadii haga kiiloo kuma kudhanii, daadhii woyini'ii haga liitira kuma lamaa, sayitii ejersaa haga liitira kuma lamaatii fi sooqiddallee haga isa barbaachisu maraa kenna'aafii'i. Mootichaa fi ijoollee mootichaa irratti lolli akka hin uumamne, waan Waandhi Sami'ii ajaje maraa mana Waaqa Sami'iitii godhaa'a. Akkasuma gadoota, Leewwota, worra faarfatan, worra balbala eegan, wolumaa galatti tajaajiltoota mana Rabbii keessatti tajaajilan irratti gibiraa fi qaraxa woyiituu akka isaan hin kaffalchiifne isin beessifna. «Atillee Izraan akka ogummaa Waaqa keetii ta si harka jirtuutitti worra Yihuudii hin taane ka laga Efraaxisii gama jiru maraa worra seera Waaqa keetii beekan maraa irratti akka murteessan abbootii murti'iitii fi worra isaan adaban isaan irratti moosisi; worra seera kana hin beennellee barsiisi. Worra seera Waaqa keetiitii fi seera mootichaatii hin ajajamne duuti, bandhi, birrii booji'uunii fi hidhamu'uun daddafatti itti haa murteeffamuu.» Bara Mootummaa Arxeeksisii bulchoonni manniin abbootaa worri Baabilooniin keessaa na woliin bayan kanniin; horteen isaaniillee kana. Fiixaa Finihaasii keessaa Geersoon, fiixaa Itaamirii keessaa Daani'eel, fiixaa Daawitii keessaa Haxuus, innillee fiixaa Sekeniya'aa keessa, fiixaa Faaroosii keessaa Zakkaariyaas; isa woliin fiixaa isaanii keessatti dhiirri 150 galmaayanii turan. Fiixaa Foohaat Moo'aabii keessaa Ilma Zaraa'iyya'aa Elihoo'enaayii fi isaan woliinillee ijoollee dhiiraa 200 Fiixaa Zaatu'uu keessaa ilma Yahizi'eelii; isa woliin dhiira 300 Fiixaa Aadinii keessaa ilma Yoonaataanii Eebeedii fi isa woliinillee dhiira 50 Fiixaa Eelaamii keessaa ilma Gotoliya'aa Yaashaya'aa fi isa woliinillee dhiira 70 Fiixaa Safaaxiyaasii keessaa ilma Mikaa'elii, Zibaadiya'aatii fi isa woliinillee dhiira 80 Fiixaa Iyyo'aabii keessaa ilma Yihi'eelii Abdiyyu'u fi isa woliinillee dhiira 280 Fiixaa Baani'ii keessaa Saloomitii ilma Yoosifiya'aatii fi isa woliinillee dhiira 160 Fiixaa Beebaaayii keessaa ilma Beebaayii Zakkaariyaas; Isa woliinillee dhiira 28 Fiixaa Azgaadii keessaa ilma Haqaaxaanii Yohaana'aa fi isa woliinillee dhiira 110 Fiixaa Adooniqaamii keessaa maqaan worra maayessaa Eelfaalaati, Yi'u'eelii fi Shamaaya'a. Isaan woliinillee dhiira 60. Fiixaa Baguwaayii keessaa Utaayina'aa fi Zabuud; Isaan woliinillee dhiira 70. Ani Izraan laga gara Ahawwa'aa yaa'u biratti banii wolitti qabe. Hulee san guyyaa sadihii teenne. Achitti bani'ii fi gadoota yoo laakkayu, ijoollee Leewwi'ii keessaa eennuunillee hin argine. Gara bulchoota isaanii gara Alaazarii, gara Ari'eelii, gara Shamaaya'aa, gara Eelnaataanii, gara Yaariibii, gara Eelnaataanii, gara Naataanii, gara Zakkaariyaasiitii fi gara Meesulaamii, akkasuma gara Beettota isaanii gara Yooyaaribiitii fi gara Eelnaataanii erge. Isaan gara Adoo bulchaa banii Kasifiyaa keessa jiraatanii ergu'uun Ado'oo fi hojjattoonni Mana Qulqulluu keessatti isa gargaaran namoota Mana Qulqulluu keessatti tajaajilan akka nuu ergan akka isaanitti himanii nuu ergisiisan godhe. Hunni Waaqa keennaa guddaan waan nu woliin jiruuf ijoollee Israa'elii keessaa, ka Leewwi'ii keessaa fi gosa ijoollee Mohoolii keessaallee nama ogeessa Sarraabiyaaniin, Isa woliinillee ijoollee isaa kudha saddeetii fi obboleewwan isaa nuu fidan. Akkasuma Hashabiyaa, isa woliinillee gosa ijoollee Meeraarii keessaa Shaayanii fi obboleewwan isaa diddamaa fi ijoollee ufii nuu fidan; akkasuma Daawitii fi worri baallii qaban garee tajaajiltoota mana woyyu'uu gargaaran hundeessan keessaa nama 220 fidan; kunniin maruu maqama ufiitiin galmaayan. Akka Rabbi karaa keenna nuu qajeelchu, nu'uu fi ijoolleen teenna akkasuma wonti nu qabnu maruu akka nuu eeggamu, nullee gad uf deebifnee akka isa kadhannu, laguma Ahawwa'aa san biratti sooma labse. Mootichaan «Hunni Waaqa keennaa worra isa soqu maraafuu mishumma'aaf; lolli isaatii fi hunni isaa garuu worra isa dhiisan irratti.» jennee waan dubbannee turreef diina karaa irra jiru jalaa akka nu hambisaniif loltootaa fi worra fardaan lolan mooticha kadhachuu saalfadhe. Waan kanaaf Soomnee Rabbiin kadhanne; Innillee kadhaa nuu dhagaye. Bulchoota gadootaa keessaa namoota kudha lamaa, Sarraabiyaanii fi Hashaabiyaaniin, isaan woliinillee obboleewwan isaanii kudhan fooye. Mootichinii fi worri isa gorsan, bulchoonni birri'ii fi worqii worri Israa'elii ka achitti argaman maruu mana Waaqa keennaatiif dhiyeessan maraa meeshaallee madaalee isaanitti kenne. Anillee akkana isaaniin jedhe, «Rabbiif qulqullooftaniirtan, meeshaanillee qulqullu'u; birriinii fi worqiinillee ka fedhaan Rabbii Waaqa abboota keennaatiif dhiyaatan. Bulchoota gadootaatii fi ka Leewwotaa, bulchoota manniin abboota Israa'elii afo'otti gola mana Rabbii ka Yerusaalemii keessa jiru keessatti haga madaaltanitti jabaadha'aa eegaa'a» Gadoonninii fi worri Leewwotaa birrii, worqi'ii fi meeshaa gara mana Waaqa keennaa ka Yerusaalemii fidu'uuf madaalanii fudhatan. Ji'a jalqabaa guyyaa kudha lammeesso'ootitti gara Yerusaalemii deemu'uuf laga Ahawwa'aa biraa kaane. Hunni Waaqa keennaallee waan nu woliin tureef diinaa fi ka dhokatee nama miidhu jalaa nu hambise. Yerusaalemiin geennee guyyaa sadihiif achi teenne. Kanaan maayessa guyyaa arfaffa'aatitti birrii, worqi'ii fi meeshaallee mana Waaqa keennaatitti madaallee gadicha ilma Ooriyo'oo Meeraaritti kennine. Ilmi Finihaasii Alaazar, Leewwonni ilmi Iyyaasu'uu Yoozaabaatii fi ilmi Biiniiwii Noo'aadiyaan fa'allee isa woliin turan. Meeshaan maruu laakkobsaa fi madaalaan bikkamee wonti madaalame maruu yoma san galmeeffame. Kanatti aansee booji'amtoonni booju'uu deebi'an ciincaa ciincawu Waaqa Israa'eliitii fi waan Israa'elii maraafuu jiboolee kudha lama, korbeeyyii hoola'aa sagaltamii jaha, korbeeyyii darmii hoola'aa torbaatamii torba, ciincaa cubbu'uutiif korbeeyyii re'iinii kudha lama dhiyeessan. Kun maruu ciincaa Rabbiif ciincawu ture. Ajaja mootichaallee muudamtoota mootichaa worra laga Efraaxisii gama jiran bulchanitti kennan; isaanillee bani'ii fi hujii mana Rabbii gargaaran. Haga wonti kun maruu raawwatameen maayii bulchoonni Israa'elii gariin gara kiyya dhufanii akkana naan jedhan, «Baniinii fi gadoonni, worra Leewwotaallee eda'atee battummaa worra ollaa isaanii jiranii ka Amoonotaa, ka Mo'aabotaa, ka worra biyya Misirii keessa jiraataniitii fi akkasuma ka worra Kana'aanotaa, ka worra Keexotaa, ka worra Feerzotaa, ka worra Iyyaabusootaatii fi ka worra Amoorotaa irraa uf hin eenne; waan battii baniin sunniin hojjatan maraa hojjatan. Worra sanniin irraa ijoollee intalaa ufii fi ijoollee ufiitittillee fuudhan; sanyii qulqulluu worra Yihuudota hin taane ka lafa irra jiraatan woliin wolitti makan; bulchoonni isaaniitii fi muudamtoonni isaanii badii kana hojjachu'uun worra jalqabaa ta'an» Anillee hennaa kana dhagaye waan guddisee gaddeef uffataa fi kaabbaa kiyya tarsaasee, rifeensa kiyya ka mata'aatii fi areeda kiyyallee bubuqqisee taa'e. Waan yakka worri booju'uu deebi'an hojjatanii ka Waandhi Israa'elii dubbateetiif worri nayan maruu na biratti wol gayan; anillee haga ciincaa galgalaa gaddee achuma taa'e. Hennaan ciincaan galgalaa itti dhiyaatu geennaan akkuma uffanni kiyyaa fi kaabbaan kiyya na jalaa tarsa'etti bakka itti kufee ka'ee jilbiiffadhee gara Rabbii Waaqa kiyyaa harka kiyya badhisee «Waaqa kiyya! cubbuun keenna waan nu irratti guddateef, yakki keennallee haga Sami'iititti waan ol guddateef, Waaqa kiyya! ani ol jedhee si laaluu hin uggu, hin sodaadhalle'e. Bara abboota keennaatii jalqabnee haga adhaa guddifnee yakkineerra; sababa cubbuu keennaatiif nu'u, mootonni keenna, worri gadootaa keennallee lola, boojuu, saamamu'uu fi salphinnaan harka mootota lafaatitti kufne. Amma ammo Rabbi Waaqa keenna! Ati akka hambaa nuu dhiiftu, hulee kee qulqullu'utti akka xiribbaa nuu kennitu, Ati Waandhi keenna akka ija keennallee nuu bantu, uduu garbummaa keessa jirru diqqoma jireenna keenna akka nuu haarawoomsitu, hennaa hago'oof Ati Rabbi Waandhi keenna gaachena nuu kenniteerta. Nu'u garboota, Waandhi keenna ammo garbumma'atti nu hin dhiifne; jireenna keenna nuu haarawoomsu'uuf, mana Waaqa keennaa akka ijaarruuf, waan diiggamellee akka jajjabeessinu, Yihuuda'aa fi Yerusaalemiin jiddu'utti dallawa akka nuu ta'an mootota Faarisii afo'otti araara ufii nuu kenne. Haa ta'uu ammo Waaqa keenna! waan haga ammaa ta'e kanaaf maal jechuu dandeenna? nu ammallee ajaja kee hin kabajjine, ajajoonni kunniin ka karaa tajaajiltoota raattota teetiitiin ‹biyyi isin itti galtan tun battummaa worra biyya san jiraataniitiin battoofteerti, daanga'aa haga daanga'aa battummaa isaaniitii fi hujii isaanii ka coraa shugug nama godhuun guuttamteerti; kanaafuu akka jabaattan, daraaraa biyya sanii akka nyaattan, lafa tana fiixaa keessanillee akka dhaalchiftan ijoollee teessan ta durbaa ijoollee isaanii ta dhiiraatii hin kenninaa'a; ijoollee teessan ta dhiiraatitti ijoollee isaanii ta durbaa hin fuudhinaa'a. Isaaniin wolitti hin firoominaa'a› jettee nu ajajje dhiifneerra, Waan hujii keenna hama'aatii fi waan yakka keenna gudda'aatiin nu irra gayeen, Ati Waandhi keenna guddinna cubbuu keennaatiin nu hin balleessine; haa ta'uu ammo hambaa nuu keette. Dhugamaanuu amma nu deebinee seera kee diigu'uuf, worra Yihuudota hin taane ka waan hamaa hojjatan sanniin woliin baanee galuu nu barbaachisaa? Ati nu worra hambaa hin qabnee fi worra si jalaa bawuu hin dandeenne haga taanutti nuun loltee nu hin balleessituu? Yaa Waaqa Israa'elii! Ati qajeela'a. Akkuma adha ta'e kana nu'u jalaa baanee hafneerra. Nu'u amma kunoo yakkuma keennaan si afoo jirra. Kanaafuu ka si afoo dhaabatuu danda'u hin jiru. Izraan hennaa mana Rabbii afo'otti kufa'aa booya'aa Waaqa kadhata'aa yakka ufii himatu Israa'eliin keessaa gumiin dhiiraa, ka dubarti'iitii fi ka daa'immanii baay'een isa biratti wol gayan; baniinillee guddisee booye. Gosa Eelaamii keessaa ilmi Yihi'eelii Sekeniyaan Izra'atti akkana jedhee dubbate «Waaqa keenna yakkineerra; worra nyaaphaa worra Yihuudii hin taane keessaa dubartii fuuneerra; haa ta'uu ammo ammallee worri Israa'elii waan kanaaf abdii qaba. Amma akka ajaja Gooftaa kiyyaatii fi akka gorsa worra Waaqa keennaa sodaatuutitti dubaraa fi daa'imman isaan irraa dhalatanillee maraa uf biraa galchu'uuf Waaqa keenna woliin waadaa haa galluu; wonti kun akka seeraatitti haa raawwatamuu. Waan kana maraa raawwachiisu'uuf kun waan si laallatuuf ka'i; nullee si woliin jirraa jabaadhuu raawwadhu.» Izraanillee ka'ee bulchoota ufii, gadoota, Leewwotaa fi worra Israa'elii maraa akka dubbii kanaatitti waan kana akka raawwatan kakachiise; isaanillee hin kakatan. Izraan mana Rabbii afo'oo ka'ee gara gola mana Yohaanaanii ilma Eeliyaaseebii seenee waan cubbuu worra booji'amtootaatiif booya'aa tureef mana seenee waa hin nyaanne, hin dhunnelle'e. Uduu guyyaan sadihii hin lufin ji'a sagaleesso'oo guyyaa diddameesso'ootitti worri Yihuuda'aatii fi worri Biiniyaamii maruu Yerusaalemitti wol gayan; baniin maruu waan kanaa fi sababaa Rooba gudda'aatiif hollata'aa hulee itti gad bayan ka mana Rabbii afoo jiru taa'an. Izraan gadichillee ka'ee «Isin yakkitaniirtan, Israa'eliin irratti yakka guddisu'uuf dubartoota nyaaphaa fuutaniirtan. Amma Rabbii Waaqa abboota keessanii afo'otti cubbuu keessan maraa himadhaa'a; waan isa gammachiisu hojjadhaa'a; banii naannaya keessan jiranii fi dubartoota nyaaphaa irraa fooyamaa'a.» isaaniin jedhe. Baniin maruu laagaa gudda'aan deebisanii «Waan ati nutti himte kana godhuu nu barbaachisa. Haa ta'uu ammo baniin baay'e'e; hennaan kun hennaa roobni guddatu, raasaa kana dhaabannee hin dandeennu; nu waan kanaan guddifnee waan yakkineerruuf, hujiin kunillee hujii guyyaa tokkoo fi lamaatii miti; kanaafuu bulchoonni keenna bikka bani'ii Waaqa afoo haa dhaabatanii; sababaa kanaaf lolli Waaqa keennaa akka nu irraa deebi'u, worri dubbartoota nyaaphaa fuudhan ka qachaa keenna keessa jiran maruu guyyaa haaganaan itti qabametti haa dhufanii; jaarsonni qachaa keessa jiranii fi abboonni murti'ii isaan woliin haa dhufanii.» jedhaniin. Haa ta'uu ammo ilmi Asaahelii Yoonaataanii fi ilmi Teequwwa'aa Yahiziyaan waan kana hin morman, Meesulaamii fi Saabaataayiin Leewwichillee isaan gargaaran. Worri booji'amanii deebi'an woma kana godhu'uuf wolii galan; kanaafuu Izraan gadichinii fi bulchoonni manniin abboota isaanii keessaa namoota filatan. Maruu maqaa ufii galmeeffatanii ji'a kudhaneesso'oo guyyaa jalqabaatitti waan kana qorachu'uuf taa'an. Haga ji'a jalqabaa guyyaa jalqabaatitti hojjatanii worra dubartoota nyaaphaa fuudhan qoratanii raawwatan. Ijoollee gosa gadootaa keessaallee worri dubartoota isaanii fuudhan hin jiran. Ijoollee Iyyaasuu ilma Iyyooseedeeqiitii fi obbooleewwan isaa, Ma'iseeyaa, Al'aazar, Yaariibii fi Godoliyaas. Haawwota manaa ufii baasu'uuf harka kennatan, sababaa cubbuu ufiitiif tika horii ufii keessaa korbeessa hoola'aa tokko tokko ciinca'aaf dhiyeessan. Fiixaa Imeerii keessaa, Anaanii fi Zibaadiya'a. Fiixaa Kaarimii keessaa Ma'iseeyaa, Eliyaas, Shamaayaa, Yihi'eelii fi Ooziya'a. Fiixaa Faaskurii keessaa Eeliyoo'enaayi, Ma'iseeyaa, Yismaa'el, Naatinaa'el, Yoozaabaatii fi Eeli'aasa'a. Worra Leewwotaa keessaa Yoozaabaat, Saamee'i, Qoliyaa Qolixaas jedhamu, Fataayaa, Yihuuda'aa fi Al'aazar. Worra faarfattootaa keessaa Eeliyaaseeb. Worra balbala eegu keessaa Saloom, Xeeleem, Uuri. Worra Israa'elii kaawwan keessaallee fiixaa Faaroosii Raamiyaa, Yiiziyaa, Malkiyaa, Miyaamin, Al'aazar, Malkiya'aa fi Baanaayaas. Fiixaa Eela'aa keessaa Mataaniyaa, Zakkaariyaas, Yihi'eel, Abdi, Yireemootii fi Eeliya'a. Fiixaa Zaatu'ii keessaa Eeliyo'eenaayi, Eeliyaaseeb, Mataaniyaa, Yireemoot, Zabaadii fi Aziiza'a. Fiixaa Beebaayii keessaa Yihohanaan, Hanaaniyaa, Zabsaayii fi Axilaayi. Fiixaa Baani'ii keessaallee Meesulaam, Maluuk, Addaayaa, Yaasuub, Sha'aalii fi Raamoot. Fiixaa Fahaatii nama Moo'aabii keessaa Adinaa, Kilaal, Banayaas, Ma'iseeyaa, Mataaniyaa, Baasili'eel, Biniwii fi Minaase'e. Fiixaa Kaarimii keessaa Al'aazar, Yishiyaa, Malkiyaa, Shamaayaa, Simoon, Biiniyaam, Maluukii fi Samaaraya'a. Fiixaa Hasuumii keessaa Matinaayi, Matataa, Zaabaad, Elifaalaat, Yireemaayi, Minaase'ee fi Saame'i. Fiixaa Baani'ii keessaa Maa'idaayi, Amraam, Uu'eel, Banaayaas, Beediyaa, Kelqiyaa, Waaniyaa, Meerimoot, Eelyaaseeb, Mataaniyaa, Matinaayii fi Yaa'isu. Fiixaa Biiniwii keessaa, Saame'i, Saleemiyaa, Naataan, Aadaayaa, Makinadibaayi, Seeseeyi, Shaaraayi, Eziri'eel, Saleemiyaa, Samaarayaa, Saloom, Amaariya'aa fi Yooseef. Fiixaa Naaba'awuu keessaallee Yi'i'eel, Matiitiyaa, Zaabaad, Zabiinaa, Yaadaayi, Iyyo'eelii fi Banayaas. Namoonni kunniin maruu dubartoota nyaaphaa fuudhanii turan; dubartoonni isaan fuudhan tunniin ijoollee baay'ee dayaniif. Dubbiin Nahimiyaa ilma Hakaaliya'aa kana. Arxeeksis biyya Faarisii irratti mooyee woggaa diddameesso'oo ji'a Kaaseeluutitti ani Nahimiyaan qachaa guddoo Suusaa jedhamtu keessa uduu jiru, obboleewwan kiyya keessaa ka Ananii jedhamu tokko namoota biraa woliin Yihuuda'aa gara kiyya dhufe. Anillee waan worra fayyanii, waan worra achi jiranii ka boojuu irraa hafanii, waan worra Yihuuda'aatii fi waan worra Yerusaalemii isaan gaafadhe. Isaanillee, «Worri boojuu irraa hafan rakkoo gudda'aa fi miidhama keessa jiran, dalloofni Yerusaalemii diiggameera, balballan isi'iillee ibiddaan gubateera.» naan jedhan. Ani haga waan kana dhagaye taa'ee booye; guyyoota hedduuf gadda'aa ture, Waaqa Sami'ii afo'otti soomaan kadhata'aa ture. Ani akkana jedhe «Yaa Rabbi Waaqa Sami'ii! ati worra si jaalatanii fi worra seera kee eeganiif waada'aa fi araarallee hin eedda; yaa Waaqa gudda'aa fi sodaatamaa'a, kadhaa ani garbichi kee halkanii fi guyyaa sababaa garboota tee ijoollee Israa'eliitiif kadhadhu gurri kee naa haa dhagayu; ijji teellee naa haa argitu, cubbuu nu'u ijoolleen Israa'elii si irratti hojjanne himadhaa; anii fi manni abbaa kiyyaallee yakkineerra. Nu'u si afo'otti waan hamaa guddaa hojjanneerra; seeraa fi ajaja ati garbicha kee Muuse'etti kennite hin eenne. Ammallee Yabo'oo dubbii garbicha kee Muuse'etti ‹Yoo yakkitan worra Yihuudii hin taane keessa isin facaasa, yoo gara kiyya deebitanii fi ajaja kiyya eeddanii raawwattan garuu isin keessaa namoonni yoo haga daangaa lafaallee faca'an, achii wolitti isaan qaba; gara hulee maqaa kiyya itti kabajjisiisu'uuf filadhee isaan fida.› jettee dubbatte san yaadadhu! Baniin kunniinillee garboota keetii fi banii kee ka ati hunna gudda'aa fi harka kee jaba'aan oolchite. Gooftaa kiyya! kadhaa garbicha keetiitii fi kadhaa garboota maqaa kee sodaatanii dhagayi; yabo'oo adha ana garbicha keetii qajeelchi; garaa mootichaa naa laaffisi.» Ani hennaa kana nama mooti'iif daadhii kennu ture. Bara mootichi Arxeeksis mooye woggaa diddameesso'oo ji'a Niisaaniititti hennaa daadhiin woyini'ii isa afoo ture, ani daadhii lafaa ol fuudhee mootichaa kenne; achiin dura garuu isa afo'otti gadda tokko malee jiraata'aa ture. Mootichillee, «Uduu hin dhibamne maaf gaddi fuula kee irraan mudhata? kun gadda onne'eeti malee waan biraatii miti.» naan jennaan guddisee sodaadhe. Anillee mootichaan, «Mootichi bara kumaa haa moowu! qachaan awwaalli abboota tiyyaa keessa jiru diiggamteerti, balballan isi'iillee waan ibiddaan gubateef fuulli kiyya maaf hin gaddine» jedheen. Mootichillee, «Maal na kadhatta ree?» naan jedhe. Anillee Waaqa Sami'ii haga kadhadheen maayessa, Mootichaan, «Mootii kiyya! yoo kun ka si gammachiisuu, ani garbichi kee si afo'otti yoo gaachena argadhee jiraadhe gara qachaa awwaalli abboota tiyyaa keessa jiruu gara biyya Yihuuda'aa dhaqee akka hojjadhu na ergi.» jedheen. Hennaa san uduu mootittiin isa bira teetteertu mootichi, «Karaan deemtu hagam fagaata? yoom deebitalle'e?» naan jedhe. Mootichillee na ergu'uuf hin gammade; anillee hennaa itti deebi'u haaganaa qabeef. Kanatti aansee ani mootichaan, yoo ka mootichi itti gammadu ta'e biyya Yihuuda'aa akka na geessaniif bulchoota worra laga Efraaxisii gama jiran bulchanitti akka kennu xalayaan naa haa kennamuu, Akkasuma nama Asaaf jedhamu ka bosona mootumma'aa eegu ta'eef akka inni balbala mana qulqullu'uutii fi balballan qachatti'ii maraaf, mana ani hara itti baafadhuufillee muka hindheessaatii fi birbirsaa ka manaan jabeessu'uuf ta'u xalayaan ajajaa ka akka muradhu eeyyamu akka naa kennamu gaafadhe; Rabbillee waan arjummaa ufiitiin na gargaareef mootichi waan ani gaafadhe maraa naa kenne. Anillee gara bulchoota laga Efraaxisii gama jiranii dhaqee xalayaa mootichaa isaanitti kenne. Mootichillee worra fardaatii fi bulchoota worra duulanii na woliin erge. Garuu Sanbalaaxiin gosa Hooriitii fi Xoobbiyaan gosa Amoonii haga akka namni waan ijoollee Israa'elii mishaa yaadu dhufe dhagayan guddisanii biibbayan. Anillee Yerusaalemiin gayee haga guyyaa sadihii achi taa'e. Ganama lafaa ka'ee hennaa deemu, namoota heddutu na woliin ture. Waan Waandhi Yerusaalemitti haa hojjadhu'uuf onnee kiyya keessa kaaye nama kamittuu hin himne; horii yaabbi'ii ka ufii yaabbadheeru malee horiin biraa na bira hin turre. Balbala dallawa dhooqaatiin bayee bakka burqaa jawwe'ee jedhamuun hulee waan badaa itti gatan dhaqee dallawa Yerusaalemii ka diiggamee fi balballan isi'ii ka ibiddaan gubateeru arge. Kanatti aansee gara balbala burqa'aatii fi gara hulee mootichi itti dhiqatuu lufe. Garuu horiin ani yaabbadheeru karaa lufuun hin arganne. Kanaafuu halkaniin gara faaffa'aatiin bayee dallawa diiggame laalee balbala dhooqaatiin deebi'ee gara qachatti'ii seene. Worri baallii qaban garuu ani eessa akka dhaqee fi maal akka godhe hin beenne. Sababaan worra Yihuudi'ii, gadoota, worra bulchootaa, worra baallii qabanii fi worra hujii hojjata'aaranitti waan hin himneef. Kanaan maayessa ani «Rakkoo nu keessa jirru, Yerusaalem akka diiggamte, balballan isi'ii akka ibiddaan gubate arga'aartan, ammallee ammaa achi akka nutti hin kolfine koottaa dallawa Yerusaalemii haa ijaarruu» isaaniin jedhe. Kanatti aansee akka harki Waaqa kiyyaa mishaan na woliin jiruu fi dubbii inni natti hime isaanitti hime. Isaanillee «Kaanee haa hojjannuu!» jedhanii hujii misha'aaf irree ufii jabeeffatan. Garuu Sanbalaaxiin gosa Hoorii, Xoobbiyaan garbichi gosa Amooniitii fi Geesaamiin Arabtichi hennaa waan kana dhagayan nu tuffatanii nutti kolfan; nu salphisanii «Wonti isin godha'aartan kun maali'i? isin dhugamaan mootichatti kakka'uu barbaaddanii?» jedhan. Anillee «Waandhi Sami'ii hujii keenna nuu raawwata; nullee garboonni isaa kaanee hojjanna, isin garuu Yerusaalemiin keessatti gayee, hiree, mirgaa fi yaadannoo hin qabdan» jedhee isaanii deebise. Gadichi guddaan Eeliyaaseeb, obboleewwan isaa gadoonnillee ka'anii dallawa «Balbala hoolotaa» jedhamu ijaaranii qulqulleessan. Balballanillee itti galchan; dallawallee haga ijaarsa «Marsaa dhibba» jedhamee waamamuu fi haga ijaarsa «Hanaani'eel» jedhamuutitti Rabbii woyyoomsan. Namoonni Iyyaariko'oollee ladda sanitti ijaaratan. Isaan laddattillee Zakuur ilma Amiriititu ijaare. Ijoolleen Haasina'aallee balbala dallawa qurxummi'ii jedhamu ijaaranii utubaawwan dhaabanii cufanaallee itti godhan, balballanittillee loosa'aa fi furtuu godhan. Isaan laddatti Meerimootii ilma Ooriyoo Aqoosiititu ijaare. Isa laddatti Meesulaamii ilma Baraakiyaa Mesezebeeliititu ijaare. Isaan laddattillee Saadooqii ilma Ba'aana'aatitu ijaare. Isaan laddatti worra gosa Teequhaawotaatitu ijaare; gugurdoonni isaan bulchan garuu gara'aan hojjachuu didan. Yoodaaheen ilmi Faaseha'aatii fi ilmi Meesulaamii Basoodiyaan garuu balbala moofe haarawoomsan; utubaawwan dhaabanii balballan itti galchanii loosa'aa fi furtuu itti godhan. Ladda isaaniititti Malxiyaa gosa Gabaa'oonii, Yaadoonii biyya Meeroonoota'aa, namoota Mitsipha'aatii fi namoota Gabaa'oonii ka worra biyya laga Efraaxisii gama jiran bulchantu ijaare. Ladda isaaniititti Uuzi'eelii ilma Harihaya'aa ka worqii bassutu ijaare. Ladda isaatitti Hannaaniyaa urgooftuu wolitti qabutu ijaaree haga dallawa badha'aatitti Yerusaalemiin jajjabeessan. Ladda isaaniititti Raaffaayaa ilma Hoorii ka wodhakkaa biyya Yerusaalemii bulchutu ijaare. Ladda isaaniitittillee Yiddaayaa ilma Eermaafii ka kolba mana isaatiin jirutu ijaare, ladda isaatitti Haxuusii ilma Asaabaaniya'aatitu ijaare. Malkiyaan ilmi Kaarimii, Asuub ilmi Mo'aabii nama Fahaatii kutaa biraatii fi hulee ibiddaa ijaaran. Isaan laddattillee Shaaluumii ilma Alo'eesii ka biyya Yerusaalemii wodhakka'aa fi ganda isi'ii bulchutu ijaare; ijoolleen isaa ta durbaallee hujii isa gargaara'aa turte. Hanoonii fi namoonni Zaanowa'aallee balbala dhooqaa ijaaranii haarawoomsan. Balbalallee itti godhanii sibiila loosa'aatii fi furtuu itti tolchan; akkasuma haga hulee balbala waan badaa itti gataniititti dallawa ciqilee kuma tokkoo ijaaran. Malkiyaan ilmi Reekaabii bulchaan biyya Beetihakaarimii balbala waan badaa itti gatan ijaaree haarawoomse. Cufanaallee itti godhee loosa'aa fi furtuu itti tolche. Shaaluum ilmi Kolhooze'ee bulchaan biyya Mitsipha'aa balbala burqa'aa ijaaree haarawoomsee cufe; Cufanaallee itti ijaaree loosa'aa fi furtuu itti tolchee haga hulee qachaa Daawitii ta biqiltoonni mootichaa jirtuu dallawa Sheela'aa ka bisaan itti kuufamu ijaare. Isaan maayessa Nahimiyaa ilma Azibuuqii ka cinaa biyya Betitsuurii bulchu hulee awwaala Daawitii laddaan jirtu ta hulee bisaan daakaniitii jalqabee haga mana worri jajjabaan keessa jiraatuu deebisee ijaare. Isaan maayessa worra Leewwotaatii fi ilma Baanii Reehum fa'atu ijaare. Isaan laddatti Hashabiyaa wodhakkaa Qi'iilaa maraa bulchutu ijaare. Isaan maayessa Bawaayii ilma Eenihaadaadii ka wodhakkaa biyya Qi'iila'aa bulchuu fi obboleewwan isaatitu ijaare. Ladda isaatittillee Esirii ilma Iyyaasu'uu bulchaan Mitsipha'aa mana meeshaan woraanaa keessa jiru biraan kutaa biraa ijaare. Isaan maayessa Baarook ilmi Zaabaayii roga tokko irraa jalqabee haga mana gadichi guddaan Eliyaaseeb galuutitti jabaatee ijaare. Isaan maayessa Meerimoot ilmi Ooriyoo Aqoosii balbala mana Eliyaaseebiitii jalqabee haga dhuma mana Eliyaaseebiititti kutaa biraa ijaare. Isaan maayessa gadoota lafa gammoojji'ii keessa jiraatantu ijaare. Isaaniin maayessa Biiniyaamii fi Asuub ka kolba mana isaaniitiin jiru ijaaran. Isaaniin maayessa Azaariyaasii ilma Maseeyaa Hannaaniya'aatitu kolba mana isaa biraan jiru deebisee ijaare. Isaan maayessa Biiniwi ilmi Eenihaadaadii mana Azaariyaasiitii jalqabee haga roga dallawaa deebisee ijaare. Falaal ilmi Uuzaayii hulee itti gad bayan ka worri balbala eegan dhaabatanii eegan ka ijaarsa mana mootichaa gubba'aan ol baye ijaare; isaan maayessa Faddaayaa ilma Faanoosiititu ijaare. Hojjattoonni mana Woyyu'uu ijaarsa balbala bisaanii ka Oofeliin bira jiru ka kolba gara baya biiftu'uutiin dhaabateeru bira jiraatan. Isaan maayessa worri Tequhootaa Yaa'anii kolba ijaarsa gudda'aatii jalqabee haga ijaarsa dallawa Oofelii ka jiru maraa ijaaran. Worri gadootaa kuuwwan maruu karaa kolba mana isaan keessa jiraataniin balbala Fardaa gubbaa jiru ijaaran. Achiin maayessa Saadooq ilmi Imeerii kolba mana ufiitiin ijaare. Isatti aansee Shamayaa ilma Sekeniya'aa ka balbala gara baya biiftu'uu eegutu ijaare. Isatti aansee Hannaaniyaa ilma Saaleemiya'aatii fi Hanoonii ilma Seleefii ka jaheesso'ootitu waan biraa ka hafe ijaare. Isaanitti aansee maayessa kolba gara golgaatiin Meesulaamii ilma Baraakiya'aatitu ijaare. Isaan maayessa Malkiyaa worra worqii bassu keessa turetu tajaajiltoota mana woyyu'uutii fi worri daldaltootaa itti fayyadamanii ijaare. Kolba roga balbala bayaniitii jalqabee haga balbala hoolotaa worra worqii bassuu fi worra daldaltootaatitu ijaare. Sanbalaaxi akka ijaarsa jalqabne haga dhagaye guddisee aaree lolee nu worra Ayihuudi'iititti balde. Obboleewwan ufiitii fi loltoota Samaariya'aa afo'otti «Wonti worri Ayihuudi'ii dadhabaan kunniin hojjata'aaran maali'i? qachattii deebisanii ijaaru'uuf karoorfataniiranii? ciincaa dhiyeessu'uun hujii guyyaa tokkotti waan fixan isaanitti fakkaataa? ijaarsa diiggame keessaa dhagaa ijaarsaaf ta'u baasuu danda'anii? » jedhee uf jaju'uun dubbate. Xoobbiyaan gosa Amoonii isa bira dhaabatee «Ka isaan dhaga'aan ijaaran kana uduu jeedalti kortee hin jiga!» jedhe. Anillee akkana jedhee kadhadhe «Waaqa keenna! nu tuffatamneerraa dhagayi; arraba isaanii isaanumatti deebisi, biyya booji'amanitti saamamaaf dabarsii isaan kenni. Waan hamaa isaan raawwataniif isaanii hin araaramin, cubbuun isaan hojjatan si afo'oo hin badin, isaan hojjattoota tee afo'otti waan si aarsaniif.» Nu ijaarsa deebifnee ijaarre; baniin maruu waan jabaatanii hojjataniif ijaarsi wodhakkaa gaye. Sanbalaax, Xoobbiyaa, worri Arabootaa, worri Amoonootaatii fi worri Ashdoodotaa akka ijaarsi Yerusaalemii ijaarama'aa deeme, ka diiggame ijaaruun akka jalqabame haga dhagayan guddisanii lolan. Kanaafuu isaan maruu wol ta'anii Yerusaalemiin lolanii raasu'uuf wolii kakatan. Nu garuu Waaqa keenna kadhanne; sababaa isaaniitiif kolba isaan nutti dhufaniin worra halkanii fi guyyaa eegu kaayanne. Hennaa kana namoonni Yihuuda'aa, « Ba'aan huji'ii nu dadhabsiise, wonti diiggame ka kaasuun nu barbaachisu gudda'a, ijaarsa ijaarree hin dandeennu» jedhan. «Diintonni teenna waan nu godha'aarru uduu hin beennee fi uduu hin argine wodhakkaa isaaniititti argamnee isaan ajjeefnee hujii isaan hojjata'aaranillee dhaabsifna.» jedhan. Worri Ayihuudi'ii ka isaan bira jiran dhufanii «Hulema jiran maraayyuu nutti dhufan» jedhanii harka kudhanii nutti himan. Anillee ijaarsa duuba gara gadiitiin guraadee, woraanaa fi buundhee isaan qabsiisee akka gosa gosa isaaniitiin isaan dhaabsise. Anillee akka isaan sodaatan argee ka'e; worra jajjabootaa, worra muudamtootaatii fi banii hafeen «Isaan hin sodaatinaa'a, Gooftaa gudda'aa fi ka gaachenni isaa sodaachisu yaadaa'a, waan obboleewwan keessanii, waan ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta durbaa, waan haawwota manaa teessaniitii fi waan manniin keessaniitiifillee lolaa'a» isaaniin jedhe. Waan diintonni keenna nu irratti hojjachu'uuf wolii kakatan nu akka dhageennee fi isaanillee akka Rabbi marii isaanii duwwaa godhe hubatan. Nu marti keennaa gara ijaarsa keennaatii fi hujii keennaa deebine. Guyyaa san irraa jalqabee namoonni ani hiriirsise gariin cinaan huja'aa turan; cinaan garuu wontee, woraana, buundhee, sibiila lolaa ka mata'atti godhatan qabatanii turan. Worri bulchootaallee manniin worra Yihuuda'aa maraa duubaan dhaabata'aa turan. Worri ijaarsa ijaaranii fi worri waan ijaaraniin baadhatan harka tokkoon woraana qabatanii harka tokkoon hojjata'aa turan. Worri ijaarsa ijaaru maruu guraadee ufii mudhi'itti hidhatanii hojjata'aa turan; ka xurumbaa afuufullee na bira ture. Worra gugurda'aa fi worra muudamaniin, akkasuma banii hafaniin, «Hujiin gudda'aa fi badha'a, nu maruu ijaarsa irra facaaneerra, namni tokko nama kaan irraa fagaateera; Hulee laagaa xurumba'aa itti dhageettan gara keenna kanatti wol gayaa'a, Waandhi keenna nuu lolaa» isaaniin jedhe. Kanaafuu guyya guyya'aan ganama irraa jalqabnee haga galgalaa, haga urjiin baatutti namoonni gariin hennaa hojjatan, gari gariin garuu meeshaa woraanaa hidhatanii akka worra balbala eeguutitti eega'aa turan. Ani hennaa san bani'iin «Isin maruu ijoollee teessan woliin Yerusaalemiin bulaa'a, halkan nu eegaa'a, guyya guyyaa garuu hojjadhaa'a» isaaniin jedhe. Ani, obboleewwan tiyya, namoonni ani hiriirsisee fi worri eegan ka na duubaan jiranillee uffata keennaa uduu hin mulqanne bula'aa turre. Hennaa tokko baniin haawwota manaa ufii woliin sagalee ufii ol kaafatanii bulchoota Ayihuudi'iititti iyyan. Baay'een isaanii «Ijoolleen teenna ta dhiiraatii fi ta intalaa baay'e'e; nyaannee lubbu'uun jiraachu'uuf midhaan argachuu nu barbaachisa» jedha'aa turan. Baay'een isaanii «Sababaa beelaatiif midhaan bitachu'uuf jennee qonna keenna, woyinii keennaa fi manniin keennallee qabsiifneerra» jedha'aa turan. Namoonni gari gariinillee «Gibira mootiin waan maasaa keennaatii fi waan woyinii keennaatiif nu gaafate kaffalu'uuf horii liqeeffanneerra; nu worra Ayihuudi'ii woliin foon tokko; ijoolleen teenna ijoollee isaaniitiin wonti adda taateen hin jiru; garuu nu ijoollee teenna garbumma'aaf akka kenninuuf nu giddisiisa'aaran; ijoolleen teenna ta durbaa gariin garboomaniiran; gugurdoonnillee maasaa keennaa fi hulee woyinii keenna itti dhaabannu waan nu harkaa fudhataniif nu hunna dhabneerra» jedhanii iyyatan. Anillee iyyansa isaaniitii fi waan kana haga dhagaye guddisee lole. Waan ani godhuun na barbaachisu onnee kiyya keessatti yaadee murteeffadhee worra baallii qaban ka banii bulchanii fi gugurdootaan «Isin bee obboleewwan keessan miidha'aa horii keessan dhalaan liqeessitanii kaffalchiiftanii!» jedhee isaaniin lole. Anillee, « Nu'u obboleewwan keenna ka Yihuudi'ii ka worra Yihuudii hin taanetti gurguraman fedhuma keennaan furre; isin hoo obboleewwan teessan gurgurattanii? isaan hoo nutti gurguramanii?» isaaniin jedhe. Isaan garuu waan deebisan waan dhabaniif hin cadhisan. Ammallee akkana isaaniin jedhe «Wonti isin godha'aartan kunniin waan misha'aa miti, diinni keenna worri Yihuudii hin taane akka nu hin arrabsine Waaqa keenna sodaata'aa jiraachuu isin hin barbaachisuu? Anii fi obboleewwan tiyya, tajaajiltoonni tiyyallee midhaanii fi horiillee isaanii liqeessineerra; ‹amma yabo'oo dhala kana isaanii haa dhiifnuu› Maasaa, woyinii, ejersa, manniin, horii, midhaan, woyini'ii fi dhadhaa ejersaa isaan jalaa fudhattan harka dhibba keessaa tokko yabo'oo adhuma isaanii deebisaa'a» Isaanillee, «Akkuma ati nu ajajje goona; qabeenna isaan jalaa fudhatame maraa isaanii deebifna; liqaa liqeeffatanillee deebisaa'a jennee isaan hin gaafannu» jedhanii naa deebisan. Anillee gadoota waamee akka isaan waan kana godhan isaan kassiise. Ani uffata kiyya mulqadhee hargufee «Nama waan kana hin goone Rabbi hujii isaatii fi mana isaa keessaa isa haa hargufu, akkasuma qulla'aa fi duwwaa haa ta'u» jedhe. Baniin maruu «Amiin!» jedhanii Rabbiin galatoonfatan, baniin maruu akkuma jedhan godhan. Mootichi Arxeeksis mooyee woggaa diddameesso'ootitti akka ani biyya Yihuuda'aatitti bulchaa ta'u hennaa na ajaje irraa jalqabee haga bara mootichi mooyee woggaa soddomii lammeesso'ootitti woggaa kudha lamaaf anii fi obboleewwan tiyyallee dhalee mootichaa irraa hin nyaanne. Bulchoonni anaan dura turan garuu banii irratti ba'aa guddaa ta'u'uun birrii afurtamaa ka dhiyanaa fi woyinii isaaniitiif ta'u isaan kaffalchiisa'aa turan; tajaajiltoonni worra bulchaniillee bani'itti uf jaja'aa gad isaan qaba'aa turan; ani garuu waan Rabbiin sodaadheef akkana hin goone. Akasuma ani hujii ijaarsaa jabaadhee hojjadhe; nu maasaa hin bitanne, tajaajiltoonni tiyya maruu na woliin hojjatan. Ammallee banii biyya san jiru ka gara kiyya dhufaniin gamatti namoonni Yihuudi'iitii fi bulchoonni isaanii ka guyya guyya'aan gabataa kiyya irraa nyaata'aa turan laakkobsi isaanii dhibbaa fi shantama. Allaattiiwwanii achi guyyaa tokkotti sangaa tokkoo fi hoolota cooman jaha, guyyaa kudhan kudhaniin bulbula woyini'ii ka adda addaa nuu qopheessa'aa turan. Garuu bulchiinsi mootichaa waan bani'itti ulfaateef dhalee nama hojjatuuf barbaachisu ani hin gaafanne ture. Waaqa kiyya! waan ani banii kanaaf godhe maraa akka waan misha'aatitti naa laakkayi. Sanbalaax, Xoobbiyaa, Geesaamiin Arabtichinii fi diintonni teenna ta biraallee akka ani ijaarsa ijaaree fixee fi wonti hin hojjatamne, bakki dhidhate akka hin jirre dhagayan. Ani ammo haga hennaa saniititti cufanaa balbalatti hin goone ture. Sanbalaaxii fi Geesaam «Gandoota Oonoo gammoojji'ii keessaa ganda takkatti wol haa geennuu» jedhanii natti ergan; garuu isaan waan hamaa natti yaadan ture. Anillee isaaniin, «Ani hujii guddaa hojjata'aara, gara keessan gad bu'ee hin danda'u; hujii dhiisee gara keessan gad bu'uu kiyyaan maaf hujiin miidhama?» jedhee ergamtoota isaanitti erge. Dhaamsa akkanaa kana isaan harka afur natti ergan; anillee akkuma duraa san jedhee isaanii deebise. Kanaan maayessa Sanbalaaxi akkuma duraa san jedhee hennaa shaneesso'oof tajaajiltoota ufii keessaa nama tokkoon xalayaa banaa chaappaa hin qabne natti erge; xalayaan sun akkana jedha, «Atii fi worri Yihuuda'aa dhara yaadu'uun, akkasuma ijaarsa ijaara'aa, mootii isaanii ta'u'uuf wonti ati godha'aartu worra Yihuudota hin taane biratti dhagayameera; akkasuma ati raattota, mootiin biyya Yihuuda'aa keessa jira jedhanii waan kee Yerusaalemiin keessatti akka himan gooteerta; ammallee waan kana mootichatti hin himin, kanaafuu dhuftee uduu waan kana irratti woliin mari'annee» Ani garuu, «Situ waan kana garaa kee keessatti uume malee akka ati yaadde kanaa miti» jedhee itti erge. Isaan maruu akka hujiin kun hin hojjatamneef nu sodaachisa'aaran; kanaafuu «Waaqa keenna! yabo'oo na jabeessi!» jedhee kadhadhe. Ani hennaa san gara mana Shamaayaa ilma Dillaayaa Mahexaabi'eelii ka akka mana ufii keessaa hin baane taasifamee dhaqe; Inni, «Halkaniin si ajjeesu'uuf waan dhufaniif anii fi ati mana woyyuu Rabbii keessa seennee balballan cufannee haa dhokannuu» naan jedhe. Anillee, «Namni akka kiyyaa ka dheessee fi lubbuu ufii oolchu'uuf jedhee ka mana woyyuu seene eennu? ani hin seenu» jedheen. Garuu uduu Rabbi isa hin ergine, akka na irratti raaga dubbate amma hubadheera; isa Sanbalaaxii fi Xoobbiya'atu bitee ture. Inni akka ani waan kana godhee yakku, ana irratti waan hamaa akka dubbatanii fi na irratti akka uf jajan na sodaachisu'uuf bitamee ture. Anillee, «Waaqa kiyya! waan Sanbalaaxii fi Xoobbiyaan hojjata'aaran maraa laalii isaanitti murteessi; waan raattittiin Noo'aadii fi raattonni kuuwwanillee na sodaachisu'uuf godhan maraa yaadadhu» jedhee kadhadhe. Ijaarsi ji'a Eelulii keessa guyyaa diddamii shaneesso'oo guyyaa shantamii lama keessatti ijaaramee raawwatame. Diintonni teenna maruu hennaa waan kana dhagayan, worri Yihuudii hin taane ka naannoo keenna jiran maruu hin sodaatan; waan yaadan saniif guddisanii salphatan; hujiin kun akka Rabbiin hojjatame beekan. Akkasuma waan isaa waan mishaa natti hima'aa turan, dubbii kiyyallee isatti odeessa'aa turan; Xoobbiyaan garuu na sodaachisu'uuf xalayoota natti erga'aa ture. Haga ijaarsi ijaarameen maayessa, haga balballan itti ijaareen maayessa, worri balbala eeganii fi faarfattoonni, worri Leewwotaallee haga muudamaniin maayessa, Obboleessa kiyya Anaani'ii fi Hannaaniya ijaarsa irratti baallii qabu Yerusaalemiin irratti isaan muude. Inni nama dhuga'aa ka namoota kaawwan caalaa Rabbiin sodaatu ture. Anillee haga aduun oo'itutti balballan Yerusaalemii akka hin banamne, uduma isaan dhaabatan balballan loosa'aan haa cufanii; namoota Yerusaalemii keessaa gari garii kore kore'een mara isaaniituu kolba manniin isaaniitiin, «Worra eegu kaayaa'a» isaaniin jedhe. Qachattiin guddo'oo fi badhoo turte; baniin isii keessa jiru garuu hagoo ture, manniinillee itti hin ijaaramne ture. Waandhi kiyya worra jajjabaa'a, worra baallii qabanii fi baniillee wolitti qabee akka laakkayu na taasise; namoota dursanii dhufan galmee ragaa fiixaa isaanii argadhe. Isa keessatti ka akkana jedhanii barreessaniiran arge. Ijoolleen biyyaa worri booji'aman ka mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor booji'e worri gara Yerusaalemii, gara Yihuuda'aatii fi gara qachaa ufii deebi'an kanniin. Masakkoonni isaaniillee Zarubaabeel, Iyyaasuu, Nahimiyaa, Azaariyaas, Ra'aamiyaa, Nahamaan, Mardokiyoos, Balaasaan, Misipheereet, Baguwaayi, Nahuumii fi Ba'aanaa fa'a woliin dhufan. Laakkobsi namoota banii Israa'elii kana. Fiixaan Faaroosii kuma lamaa fi dhibba tokkoo fi torbaatamii lama. Fiixaan Safaaxiyaasii dhibba sadihii fi torbaatamii lama. Fiixaan Eera'aa dhibba jahaa fi shantamii lama. Fiixaan Iyyaasu'uutii fi ka Iyyoo'aabii, fiixaan gosa Fahaati Mo'aabii ta'an kuma lamaa fi dhibba saddeetii fi kudha saddeet. Fiixaan Eelaamii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur. Fiixaan Zaatu'ii dhibba saddeetii fi afurtamii shan. Fiixaan Zakaayii dhibba torbaa fi jahaatama. Fiixaan Biiniwi'ii dhibba jahaa fi afurtamii saddeet. Fiixaan Beebaayii dhibba jahaa fi diddamii saddeet. Fiixaan Azgaadii kuma lamaa fi dhibba sadihii fi diddamii lama. Fiixaan Adooniqaamii dhibba jahaa fi jahaatamii torba. Fiixaan Baguwaayii kuma lamaa fi jahaatamii torba. Fiixaan Aadiinii dhibba jahaa fi shantamii shan. Fiixaan Axeerii gosa Hisqiyaasii sagaltamii saddeet. Fiixaan Hasuumii dhibba sadihii fi diddamii saddeeti. Fiixaan Beesaayii dhibba sadihii fi diddamii afur. Fiixaan Hariifii dhibba tokkoo fi kudha lama. Fiixaan Gabaa'oonii sagaltamii shan. Namoonni Naxoofa'aatii fi Beeteliheemii dhibba tokkoo fi saddeettamii saddeet. Namoonni Anaatootii dhibba tokkoo fi diddamii saddeet. Namoonni Beeti'aazimootii afurtamii lama. Namoonni Qiriyaatiyi'aarimii, namoonni Kaafira'aatii fi namoonni Bi'eerootii dhibba torbaa fi afurtamii sadihi. Namoonni Raama'aatii fi namoonni Geeba'aa dhibba jahaa fi diddamii tokko. Namoonni Maakimaasii dhibba tokkoo fi diddamii lama. Namoonni Beeteeliitii fi ka Gaayii dhibba tokkoo fi diddamii sadihi. Namoonni Naboo biraa keessa jiraatan shantamii lama. Fiixaan Eelaamii biraa keessa jiraata kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur. Fiixaan Kaariimii dhibba sadihii fi diddama. Fiixaan Iyyaariko'oo dhibba sadihii fi afurtamii shan. Fiixaan Loodii, ta Hadiidiitii fi ta Oonoomii, dhibba torbaa fi diddamii tokko. Fiixaan Seena'aa kuma sadihii fi dhibba sagalii fi soddoma. Fiixaan Yoodaahe'ee gadoonni gosa Iyyaasu'uu dhibba sagalii fi torbaatamii sadihi. Fiixaan Iimeerii kuma tokkoo fi shantamii lama. Fiixaan Faaskoorii kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi afurtamii torba. Fiixaan Kaariimii kuma tokkoo fi kudha torba. Fiixaan Qadimi'eeliitii fi ta Iyyaasu'uu worri Leewwotaa worri gosa Hodaayiwa'aa namoota torbaatamii afur. Fiixaan Asaafii weeddiftoonni dhibba tokkoo fi afurtamii saddeeti. Worri balbala eegan fiixaan Saloomii, ta Axeerii, ta Xeelmoonii, ta Aquubii, fiixaan Haxiixa'aatii fi fiixaan Soobaayii dhibba tokkoo fi soddomii saddeet. Fiixaan hojjattootaa ka worra mana woyyuu keessatti hojjatan worri boojuu irraa deebi'an tajaajiltoota, fiixaa Siiha'aa, fiixaa Hasufa'aa, fiixaa Xabbi'ootii, fiixaa Keeraasii, fiixaa Si'aa, fiixaa Faadoonii, fiixaa Libana'aa, fiixaa Aggaaba'aa, fiixaa Simlaayii, fiixaa Hannaanii, fiixaa Gedeelii, fiixaa Gaaharii, fiixaa Raayya'aa, fiixaa Ra'aasoonii, fiixaa Neqooda'aa, fiixaa Gaaseemii, fiixaa Ooza'aa, fiixaa Faaseha'aa, fiixaa Beesaayii, fiixaa Mi'uunootaa, fiixaa Nifusasiimii, fiixaa Baaqbuqii, fiixaa Haqafa'aa, fiixaa Harhuurii, fiixaa Baasilootii, fiixaa Mihiida'aa, fiixaa Harsha'aa, fiixaa Barqoosii, fiixaa Siisaara'aa, fiixaa Teema'aa, fiixaa Nisiya'aatii fi fiixaa Haxiifa'aa fa'a. Hojjattoonni Solomoonii worri boojuu irraa deebi'an fiixaa Sooxaayii, fiixaa Soofereetii, fiixaa Firuuda'aa, fiixaa Yayya'ila'aa, fiixaa Darqoonii, fiixaa Gedeelii, fiixaa Safaaxiyaasii, fiixaa Haxiilii, fiixaa Fakaraatii, fiixaa Hatsibooyimii, fiixaa Amoonii, Worri tajaajiltootaa maraa fi fiixaan garboota Solomoonii dhibba sadihii fi sagaltamii lama. Worri Teelmeellaa, Teelaareesaa, Kiruub, Addaanii fi Iimeeriin keessaa bayan kanniin. Isaan garuu hortee manniin abboota isaanii yookaan fiixaa Israa'elii ta'uu isaanii uf beessisuu hin dandeenne. Fiixaan Daalaya'aa, fiixaan Xoobbiya'aatii fi fiixaan Neeqoda'aa dhibba jahaa fi afurtamii lama. Gadoota keessaallee fiixaa Eebbiya'aa, fiixaa Aaqosii, fiixaa Beerzeeli'ii ka nama gosa Gala'aadii irraa haadha manaa fuudhee ijoollee Beerzeeli'ii irraa argatee maqaa isaatiin waamame. Kunniin kitaaba maqaan hortee isaanii keessatti barreeffame keessa soqan; garuu maqaan isaanii hin argamne, isaan akka gadoota hin taane dhooggaman. Kanaafuu bulchaan Yihuuda'aa, «Haga gadichi uurimii fi Tumiimiin murteessu ka'uuf waan qulqullaaye irraa hin nyaattan» isaaniin jedhe. Faradoon isaanii dhibba torbaa fi soddomii jaha. Gaangiin isaanii dhibba lamaa fi afurtamii shan. Gaallan isaanii dhibba afurii fi soddomii shan. Harriin isaanii kuma jahaa fi dhibba torbaa fi diddama turan. Worri gadootaa, Leewwonni, worri balbala eeganii fi worri faarfattootaa, banii keessaallee namoonni baay'een, tajaajiltoonni mana woyyu'uutii fi worri Israa'elii maruu qachama ufii keessa jiraatan. Baniin Israa'elii ji'a torbeesso'oo qachaa ufii keessa jiraachuu fixatan; ji'uma san keessa guyyaa jalqabaatitti baniin maruu Yerusaalemiin keessatti hulee itti gad bayan ka balbala bisaanii jedhamu afo'otti akka nama tokkootitti wol gayan. Isaan akka Izraan beekaan seeraa kitaaba seeraa ka Rabbi karaa Muuse'eetiin banii Israa'eliitii kenne haa isaanii fidu'uuf kadhataniin. Izraan gadichi ji'a torbeesso'oo guyyaa jalqabaatitti worra seera kana dhagayanii hubatuu danda'an dhiiraa fi dubartoota maratti fide. Balbala bisaanii ka hulee itti gad bayan jiru bira dhaabatee akka dhiirrinii fi dubartoonni dhagayuu danda'anitti ganama irraa jalqabee haga waare'ee kitaaba seeraa dubbise; baniinillee dubbii kitaaba seeraa dhagaya'aa turan. Izraan barreessaan muka irra dhaabatanii dubbatan ka waan kanaaf hojjatame irra dhaabatee ture hennaa san worri gara mirgaatiin dhaabatan Matiitiyaa, Shimaa'i, Aanaayaa, Ooriyoo, Keliqiyaas, Ma'iseeyaa; worri gara bita'aatiin dhaabatan Faddaayaa, Misaa'el, Malkiyaa, Hasuum, Hashibadaanaa, Zakkaariyaasii fi Meesulaam fa'a turan. Izraan bakka baniin maruu isa arguu danda'utti ol bayee dhaabatee, uduu baniin maruu isa argan kitaaba bane; hennaa inni bane, baniin maruu ka'ee dhaabate. Izraan Rabbii Waaqa guddaa eebbifnaan baniin maruu harka badhisee, «Amiin! Amiin!» jedha'aa deebisan. Mata'aan gad jedhanii kallachaanillee lafatti gad kufanii Rabbiif sagadan. Kanaan maayessa Iyyaasuu, Baanii, Sarraabiyaa, Yaamiin, Aquub, Saabaataayi, Hoodiyaa, Ma'iseeyaa, Qolixaas, Azaariyaas, Yoozaabaat, Haanaanii fi Feeliyaa, worri Leewwotaallee akka baniin seera hubatuuf banii barsiisa'aa turan. Baniin garuu bakkuma jiran dhaabata'aa turan. Isaanillee kitaaba seeraa ka Rabbii bani'ii dubbisa'aa turan; Izraanillee akka Rabbiin beekan isaan barsiisa'aa, isaan beessisa'aa waan tureef baniinillee waan inni dubbisu hin hubatan ture. Dubbii seeraa hennaa dhagayan baniin waan booyaniif bulchaan biyyaa Nahimiyaan, Izraan gadichi beekaan seeraatii fi Leewwonni banii barsiisa'aa turan, «Guyyaan kun Rabbii Waaqa keennaaf ka woyyoome waan ta'eef hin gaddinaa'a; hin booyinaa'a» isaaniin jedhan. Innillee, «Deema'aa dhiyana mishaa nyaadhaa'a, daadhii woyini'ii mi'aayaallee dhugaa'a, worra waa hin qabneefillee ergaa'a, adhi guyyaa Gooftaa keennaaf woyyoome; gammachuun Rabbii hunna keessan waan ta'eef hin gaddinaa'a» isaaniin jedhe. Worri Leewwotaallee, «Guyyaan adhaa kun woyyuu waan ta'eef, cadhisaa'a, hin gaddinaa'a» jedhanii banii akka cadhisan godhan. Baniin maruu dubbii isaanii dubbifame hiikkaa isaa waan hubataniif gara manniin ufii dhaqanii waan isaanii qophaaye nyaatanii dhuganii guddisanii gammadanii worra waa hin qabne kaawwaniifillee ergan. Guyyaa lammeesso'oo bulchoonni, gadoonninii fi worri Leewwotaa, bulchoonni manniin abboota isaanii maruu akka Izraan dubbii seeraa isaanii hiiku isa biratti wol gayan. Kanaafuu baniin yaa'ee muka fidee marti isaaniituu mana mana gubba'aa, hulee itti gad bayan keessatti, lafa raasa'aa ka mana Rabbii bira jiru keessatti, raasaa balbala bisaaniitii fi lafa raasa'aa ka Efreemiititti daasee ijaaran. Baniin bakka booju'uutii deebi'an maruu daasee ijaaratanii keessa jiraatan; bara ilma Nawwe'ee Iyyaasuu irraa jalqabee haga guyyaa sanii ijoolleen Israa'elii waan akkanaa kana hojjatanii hin beekan; isaan maruu guddisanii gammadan. Guyyaa jalqabaatii jalqabee haga guyyaa dhumaa guyyama guyya'aan kitaaba seera Rabbii dubbisa'aa ture. Haga guyyaa torbaa ayyaana ayyaanteeffatanii guyyaa saddeetesso'oo akkuma seera isaaniititti wol gayii woyyuu godhatan. Ji'uma kana guyyaa diddamii arfeesso'ootitti ijoolleen Israa'elii wol gayanii soomaan uffata gaddaa uffatanii daaraa uf irratti firfirsan. Sanyiin Israa'elii sanyii gosa biraa irraa uf fooyanii dhaabatanii cubbuu ufiitii fi ka abboota ufiillee himatan. Namoonni maruu bakka ufii dhaabatanii kitaaba seeraa ka Rabbii Waaqa isaanii haga sa'aatii sadihii dubbisan; haga sa'aatii sadihii cubbuu ufii himata'aa Rabbii Waaqa ufiitii sagadan. Worri Leewwotaa Iyyaasuu, Baanii, Qadimi'eel, Sabaniyaa, Bunii, Sarraabiyaa, Baani'ii fi Kinaanillee waan irra dhaabatamu gubbaa dhaabatanii laagaa gudda'aan gara Rabbii Waaqa ufii iyyan. Worri Leewwotaa Iyyaasuu, Qadimi'eel, Baanii, Asabaaniyaa, Sarraabiyaa, Hoodiyaa, Sabaniya'aa fi Fattaayaan akkana jedhan. «Dhaabadha'aatii Rabbii Waaqa keenna ka bara baraa eebbisaa'a, maqaan kee ka ulfinna, eebbaa fi galata maraa irra ol ol jedhe haa eebbifamu! jedhaa'a» isaaniin jedhan. Kanniin maraan maayessa baniin Israa'elii, «Sima calla'atu Rabbi; Samii, Samii Samii gubba'aatii fi duula isaanii maraa, lafaa fi waan lafa irra jiru maraa, galaanaa fi waan galaana keessa jiru maraa uumteerta; maraa jiraachifteerta, duultonni Sami'ii maruu sii sagadan. Ati Rabbi Waaqa; Abraamiin filattee Uurii biyya Kaladaawotaa keessaa isa fiddee, maqaa isaa «Abrahaam» jetteen. Garaan isaa si afo'otti amanamaa akka ta'e argitee lafa Kana'aanii, Keexotaa, Amoorotaa, Feerzotaa, Iyyaabusootaatii fi lafa worra Gergesenootaa isaa fi fiixaa isaatii kennu'uuf waadaa galteef, Ati waan qajeelaa taateef dubbii ufii dubbatte raawwatte. «Uduu isaan biyya Misirii keessa jiran rakkinna abboota teennaa argite; uduu galaana diimaa bira jiran iyyansa isaanii dhageette. Akka isaanitti uf jajan waan beetteef Fari'oon, garboota isaa maraa fi worra Yihuudii hin taane maraa irratti baasaa fi maalalee mudhiftee, akkuma adha argine kana maqaa kee waamsifte. Isaan afo'otti galaana addaan qooddee, galaana jidduu lafa gogaa irra ceeyan, Diintota isaanii garuu akkuma dhagaa galaana xiillaa keessatti gad darbaniititti galaana xiillaa keessatti isaan darbite. Karaa isaan deeman isaanii ibsu'uuf guyyaa utubaa duumessaatiin, halkanillee utubaa ibiddaatiin isaan masakkite. Samii irraa gaara Siina'aatitti buutee, banii keetitti dubbatte, Murtii qajeelaa, seera michuu dhuga'aa, ajaja fi seera isaanii kennite. Sambata tee woyyittiillee isaan beessifte, Seera keetii fi ajaja kee karaa garbicha kee Muuse'eetiin isaan ajajje. «Beela isaaniitiif Sami'ii nyaata isaanii kennite, dheebuu isaaniitiif dhagaa keessaa bisaan isaanii baafte; lafa isaaniif kennu'uuf isaanii waadaa galte sanitti akka galan isaan ajajje. Garuu isaanii fi abbootiin teennallee guddisanii boonan, lum'a jabaatan, ajaja kee hin dhageenne, dhagawuullee hin didan. Maalalee ati isaanii goote isaan hin yaadanne. Lum'a jabaatan, dhara isaaniitiin gara garbummaa isaanii ka duriititti deebi'u'uuf bulchaa muudatan. Ati garuu Waaqa namaa dhiiftu, arja'aa fi Waaqa namaa araaramtu, ka daddaftee hin lolle, ka araara namaaf guddiftu waan taateef isaan hin ganne. Hennaa fakkeenna Waatiyyo'oo ka harka ufiitiin bassanii hojjatanii, ‹Waandhi biyya Misiriitii nu baase kana!› jedha'aa guddisanii si aarsan, Araarri kee guddaa waan ta'eef lafa gammoojji'ii keessatti isaan hin dhiifne. karaa isaan deeman akka isaan masakkuuf guyyaa utubaan duumessaa, halkan utubaan ibiddaa isaan biraa hin fagaanne. Hafuura kee mishaa akka isaan barsiisu isaanii kennite. Mannaa nyaatan isaan hin dhoogganne, dheebuu isaaniitiif bisaan kenniteef. Lafa gammoojji'ii keessatti woggaa afurtamaaf isaan soorte. Isaan womaa hin dhabne, uffanni isaanii hin moofne, lutti isaaniillee hin iitofne. «Moototaa fi worra Yihuudii hin taane addaan qoqqooddee isaanii kennite. Mootii Haseboonii, lafa Seewoonii, Mootii Baasaaniitii fi lafa Aagii dhaalan. Ijoollee isaanii akka urjii Sami'ii baay'eessitee, lafa abboota isaanii akka dhaalaniif, isaanii waadaa galte sanitti isaan galchite. Ijoolleen isaaniillee lafa san itti galtee dhaalte worra Kana'aanii ka biyya san keessa jiraatan isaan afo'otti salphifte. akka fedhan haa isaan godhani'iif worra san mootota isaaniitii fi worra Yihuudii hin taane ka biyya san keessa jiraatan dabarsitee isaanii kennite. Qachoota dallawa dhaga'aa qabdu, lafa gabbattuu michuu, manniin waan mishaa uf keessaa qabu, boolla qotame ka bisaanii, hulee woyini'ii, mukkiin ejersaatii fi mukkiin hedduu, ka daraaraa isaa nyaatan dhaalan; Nyaatanii quufanii, furdatanii, mishooma kee gudda'atti gammadan. «Garuu isaan worra tole hin jenne turan, si didan, seera kee uf duubatti gatan. Raattota tee ta akka isaan gara kee deebi'aniif isaanii raagan ajjeesanii guddisanii si aarsan. Kanaafuu ati dabarsitee diintota isaaniitiif isaan kennite, isaanillee isaan rakkisan; hennaa guddisanii rakkatan sitti iyyatan, Atillee Sami'ii isaanii dhageette. Ati waan guddiftee namaa dhiiftuuf bulchoota diintota isaanii jalaa isaan oolchan isaanii kennite. Haga hara baafatan deebi'anii waan hamaa si afo'otti hojjatan. Atillee harka diintota isaaniititti isaan dhiifte. Isaanillee isaan bitan Hennaa isaan deebi'anii sitti booyan Sami'ii isaanii dhageettee akka araara kee gudda'aatitti isaan hambifte. Akka isaan gara seera keetii deebi'aniif isaan gorsite. Isaan garuu uf jajan, seera keellee hin raawwanne. murtii qajeelaa namni ittiin jiraatu irratti ka'anii yakka hojjatan, seera kee dudda itti kennan, lum'a jabaatan, si hin dhageenne. Ati garuu woggaa baay'ee isaanii obsite. Karaa raattota teetiitiin Hafuura keetiin isaanitti radde, isaan garuu si hin dhageenne. Kanaaf worra Yihuudii hin taane ka biyya san jiraatanitti isaan kennite. Ati garuu Waaqa arja'aa fi ka namaa dhiiftu, araarri keellee guddaa waan ta'eef isaan hin balleessine, isaan hin dhiifnelle'e. «Ammallee Waaqa keenna! Ati Waaqa waadaa namaa galte eeddu, Waaqa gudda'aa fi sodaatamaa'a, bara mootota Asoorii irraa jalqabee haga adhaa rakkoo nu'uu fi mootota keenna, bulchoota keenna, gadoota keenna, raattota teenna, abboota teennaa fi banii kee maraa irra gaye akka waan diqqa'aatitti hin laalin. Waan nu irra gaye maraafuu ati qajeela'a. nu cubbuu hojjanne, ati garuu waan dhuga'aa hojjatte. Mootonni, bulchoonni, gadoonninii fi abboonni teenna seera kee hin eenne; seeraa fi ajaja ati isaan gorsite hin dhageenne. Mishummaa kee guddaa san, lafa gabbattuu michuu bara mootummaa isaaniititti isaanii kennite keessatti si hin waaqeffanne, hujii hamaa hojjatan irraallee hin deebine. Kunoo nu adha garboota; lafa ati abboota teennaa kennite irrattillee garbootuma. Lafti tun ta ati daraaraa isi'ii haa nyaatani'iif abboota teennaa kennite. Eebba lafa tanaa sababaa cubbuu keennaatiif mootota sanii kennite; Isaan hunna keennallee bita'aaran, horii keennallee akkuma fedhan godhan, kanaafuu nu'u rakkoo guddaa keessa jirra.» jedhanii kadhatan. Waan ta'e kana maraafuu nu seera wolii galte'ee barreessina; bulchoonni, Leewwonni teennaa fi gadoonni teenna chaappa'aan mirkaneessan. Worri chaappeesse ilma Hakaaliya'aa Nahimiyaa biyya bulchu, Sedeqiyaas, Sarrayaa, Azaariyaas, Ermiyaas, Faaskoor, Amaariyaa, Malkiyaa, Kaariim, Meeriimoot, Abdiyyuu, Daani'eel, Geentoon, Baarook, Leewwonnillee, Iyyaasuu ilma Azaariya'aa, ijoollee Eenhadaadii keessaa Biiniwii, Qadimi'eel, Obboleewwan isaaniillee Sabaaniyaa, Hoodiyaa, Qolixaas, Feeliyaa, Haannaan, Miikkaa, Ra'aab, Hashabiyaa, Bulchoonni bani'ii, Faaroos, Fahaat, Moo'aab, Eelaam, Zaatuu'i, Baanii, Bunii, Aazgaayi, Beebaayi, Azuur, Hoodiyaa, Hasuum, Beesaayi, Hariif, Haannan, Aanayaa, Hosee'i, Hannaaniyaa, Asuub, Alo'ees, Baniin hafellee gadoonni, Leewwonni, worri balbala eegan, faarfattoonni tajaajiltoonni mana woyyu'uutii fi worra Yihuudii hin taane ka biyya lafaa keessa jiraatan keessaa worri seera Rabbiitiif uf fooyan maruu, haawwonni manaa isaanii, ijoolleen isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa, worri waa beekanii fi worri waa hin beenne maruu gara obboleewwan isaaniitii fi gara worra gugurda'aa siiqan; akka seera Rabbi Muusee garbicha ufiititti kenneen jiraatan, seeraa fi ajaja Rabbii Gooftaa keennaa eeganii raawwatu'uuf kakatan. «Ijoollee teenna ta intalaa, worra Yihuudii hin taanee hin kenninu; ijoollee isaanii ta intalaa ijoollee teenna ta dhiiraatitti hin fuunu. Guyyaa sambataatiin worri Yihuudii hin taane mi'a daldalaatii fi midhaan adda addaa gurgurachu'uuf yoo dhufan, guyyaa sambataa yookaan guyyaa woyyu'uun, woma tokkollee isaan irraa hin bitannu, daraaraa woggaa torbeesso'ootii fi liqaallee isaanii dhiifna» jedhanii kakatan. Nu'u, gadoonni, Leewwonninii fi baniin maruu akka hortee manniin abboota keennaatiin hennaa murtaaye keessatti akkuma seera irratti barreeffame ciincaa Rabbii Waaqa keennaaf ciincawu, kennaa ibiddaan ciincawu dhiyeessu'uuf hixaa wolitti buufne. Hangafa wogga wogga'aan lafa keenna irraa argannu, sanyii muka adda addaa maraa gara mana Rabbii fidu'uuf, akkuma seera irratti barreeffame hangafa ijoollee teennaa, ka horii keennaa, hangafa sangoota teennaatii fi ka hoolota teennaa gara hulee mana gadoonni Waaqa keenna itti tajaajilanii fidu'uuf; Midhaan galfannu keessaa dura, daraaraa muka maraa, woyini'ii fi dhadhaa ejersaa gara gola mana Waaqaa keennaa ka gadoonni jiranii fidu'uuf, Leewwonnillee maasaa qachaa keennaa keessaa waan kurneessoo fudhataniif, waan lafa qonne keessaa arganne gara Leewwotaa fidu'uuf kakanne. Hennaa worri Leewwotaa kennaa kudhan keessaa tokko fudhatan, ilmi Aaroonii gadichi worra Leewwotaa bira haa ta'uu; worri Leewwotaallee hennaa kennaa kudhan keessaa tokko argatan waan argatan san keessaa harka kudhanii keessaa tokko gara gola mana Waaqa keennaa gara hulee meeshaan mana Waaqaa jiruu haa fidanii. Worri Leewwotaatii fi ijoolleen Israa'elii kennaa midhaanii, kennaa woyini'ii, kennaa dhadhaa ejersaatii fi kennaa waan cubbu'uutiif dhiyeessan gara hulee meeshaan mana woyyu'uu jiruu gara gadootaa, gara worra balbala eeganii, gara hulee worri faarfattootaa jiranii haa seensisanii. Nu'u sirima mana Rabbii Waaqa keennaa hin dhiifnu. Bulchoonni bani'ii qachaa Yerusaalemii keessa taa'an; Baniin hafan maatii kudhanii keessaa harki tokko garuu Yerusaalemii qachattii woyyittii, maatiin salgan garuu qachoota biraa keessa akka jiraataniif hixaa wolitti buusan. Baniin worra fedha ufiitiin qachattii Yerusaalemii keessa jiraachuu barbaadan sanniin maraa hin eebbisan. Bulchoonni biyyaa worri Yerusaalemii keessa jiraatan kanniin. Worri Israa'eliitii fi gadoonni, Leewwonni, Tajaajiltoonni mana woyyu'uu, ijoolleen garboota Solomoonii adduma addaan lafa ufiitii fi qachaa ufii Yihuudaa keessa jiraatan. Ijoolleen Yihuuda'aatii fi ta Biiniyaamii Yerusaalemiin keessa jiraatan. Ijoollee Faareesii ilmaan Yihuuda'aa keessaa ilma Malaali'eelii, ilma Safaaxiyaasii, ilma Amaariya'aa, ilma Zakkaariyaasii, ilma Ooziya'aa, Attaayyaa, ilma nama gosa Seeloona'aa, ilma Zakkaariyaasii, ilma Yooyaaribii, ilma Addaayya'aa, ilma Ozaaya'aa, ilma Kolhooze'eetii fi ilma Baarookii Ma'iseeyaa fa'a. Ijoolleen Faareesii ta Yerusaalemiin keessa jiraatan namoota dhibba afurii fi jahaatamii saddeet. Isaan worra jajjabaa turan. Horteen Biiniyaamii ilma Yashaaya'aa, ilma Iti'eelii, ilma Ma'iseeya'aa, ilma Qolaaya'aa, ilma Faddaaya'aa, ilma Yoo'idiitii fi ilma Meesulaamii Saaluu fa'a. Isaaniin maayessallee Geebeena'aa fi Saalaayii maatii Saalu'uuti. Isaan wolumatti qabaa dhiira dhibba sagalii fi diddamii saddeet. Bulchaan isaanii Iyyu'eelii ilma Zikirii ture. Yihuudaan ilmi Hasmu'aamii qachaa irratti bulchaa lammeesso'oo ture. Gadoota keessaa Yoodaa'ee ilma Yooyaaribii Yaakiin. Bulchoonni mana Rabbiillee ilma Akixoobii, ilma Maraayootii, ilma Saadooqii, ilma Meesulaamiitii fi Sarraayaa ilma Keliqiyaasiiti. Obboleewwan isaanii worri hujii manaa hojjatan dhibba saddeetii fi diddamii lama. Ilma Malkiya'aa, ilma Faaskoorii, Ilma Zakkaariyaasii, Ilma Amaasii, ilma Falaaliya'aa, Addaayaa Ilma Yirohaamii, obboleewwan isaaniitii fi bulchoonni hortee maatii isaanii namoota dhibba lamaa fi afurtamii lama. Ilmi Imeerii, ilmi Mishileemootii, Ilmi Ahizaayii, Amaasiyaa ilma Eziri'eelii, obboleewwan isaanii namoota jajjabaa dhibba tokkoo fi diddamii saddeeti; bulchaan isaanii Zabdi'eelii ilma Hagidoolimii ture. Leewwota keessaa ilma Buni'ii, ilma Asaabiya'aa, Ilma Aziriqaamii, Shaamayaa ilma Asuubii. Bulchoonni worra Leewwotaa worri hujii mana Rabbiitiin ala raasaa keessa jiru irra turan Saabaataayii fi Yoozaabaatiin fa'a turan. Hennaa faate'ee bulchaan worra galata dhiyeessanii ilma Asaafii, ilma Zabiidii, Mataaniyaa ilma Miikka'aa, obboleewwan isaa keessaa Baqibaqaarii nama lammeesso'oo, ilma Edootaamimii, ilma Galaalii fi Abdiyaa ilma Saamusii, Leewwonni qachattii woyyittii keessa jiraatan namoota dhibba lamaa fi saddeettamii afur turan. Garboonni balballan eegan Aquubii fi Xeelmoon, obboleewwan isaanii woliin namoota dhibbaa fi torbaatamii lama turan. Gadoonninii fi Leewwonni worra Israa'elii keessaa hafan garuu adduma addaan qachaa Yihuuda'aa maraa keessa lafuma ufii irra jiraatan. Tajaajiltoonni mana woyyuu qachaa Yerusaalemii keessa tulluu Oofeel jedhamu irra jiraata'aa turan; Siha'aa fi Gishiphaan bulchoota isaanii turan. Faarfattoonni hujii mana Rabbii irratti argaman gosa ijoollee Asaafii keessaa Ilma Miikka'aa, ilma Mataaniya'aa, ilma Hashaabiya'aa, Oozii ilma Baani Yerusaalemiin keessatti bulchaa Leewwotaa ture. Faaruu guyya guyya'aan tartiibaan dhiyaatuuf mootichi ajaja baasa'aa ture. Fattaayaan ilmi Meesezeebelii ka Zaaraa gosa Yihuuda'aa waan banii Israa'elii laalu maraaf mooticha bira ture. Waan gandootaatiif, waan maasaa ufiitiif ijoollee Yihuuda'aa keessaa namoonni hedduu Qiriyaati'arbaaqii fi gandoota isi'ii keessa, Diiboonii fi gandoota isi'ii keessa, Yiqabsi'eelii fi gandoota isi'ii keessa, Beersaabeehii fi gandoota isi'ii, Tsiglaag, Mikkonaana'aa fi gandoota isi'ii, Ayinriimoon, Tsoori'aa, Yaarimuut, Zaanowaa, Adolaamii fi gandoota isi'ii, Laakkisoo fi maasaa isi'ii, Azeeqa'aa fi gandoota isi'ii keessa jiraatan; akkasuma Beersaabeehiin irraa jalqabee haga dhooqa Heenoomiititti mana ijaaratan. Ijoolleen Biiniyaamii Geebaa irraa jalqabee haga Maakimaasiiti, Beeteelii fi gandoota isi'ii Anaatoot, Noob, Sibooyim, Baanbalaat, Lood, Oono'oo fi Geharaashimiin keessa jiraatan. Worri Leewwotaa ka biyya Yihuuda'aa keessa jiraatan heddu isaanii gara worra Biiniyaamii ta'an. Gadoonninii fi Leewwonni Zarubaabelii ilma Salaatiyaaliitii fi Iyyaasuu woliin bayan kanniin. Sarraayaa, Ermiyaas, Izraa, Amaariyaa, Maluuk, Haxuus, Sekeniyaa, Rehuum, Meeriimoot, Ma'aadiyaa, Biilgaa, Shamaayaa, Yoyaariib, Yooda'ee, Saaluu, Amooq, Keeliqiyaasii fi Yoodaa'e'e. Kunniin bara Iyyaasuu gadicha gudda'aa bulchoota gadootaatii fi bulchoota obboleewwan gadootaa turan. Leewwonnillee Iyyaasuu, Biiniwii, Qadmi'eel, Sarraabiyaa, Yihuuda'aa fi Mattaaniyaa obboleewwan isaanii woliin bulchaa faarfattootaa turan. Obboleewwan isaanii Baqibuqii fi Uuni isaan jalaa qaba'aa faarfata'aa turan. Iyyaasuun Iyyoo'aaqimiin uumate, Iyyoo'aaqim Eliyaaseebiin uumate, Eliyaaseeb Yoo'aadaa uumate, Yoo'aadaan Yoonaataa uumate, Yoonaataan Yaadu'aa uumate. Bara mootii Yoo'aaqiimii bulchoonni hortee manniin abboota isaanii gadoota kanniin; Sarraayaa keessaa Mirraayaa, Worra Ermiyaasii keessaa Hannaaniyaa, worra Izra'aa keessaa Meesulaam, Worra Amaariya'aa keessaa Yihohanaan, gosa Maluukii keessaa Yoonaataan, worra Sabaaniya'aa keessaa Yooseef. Worra Kaariimii keessaa Aadina'a. Worra Marrayootii keessaa Heelqayi. Worra Aado'oo keessaa Zakkaariyaas. Worra Geebtoonii keessaa Meesulaam. Worra Abiya'aa keessaa Zikkir. Worra Miyaaminii keessaa Mo'aadiyaa, Falixaayi, worra Biilga'aa keessaa Saamuus, worra Shaamaya'aa keessaa Yoonaataan, worra Yooyaariibii keessaa Matinaayi; gosa Yoodaa'e'ee keessaa Oozi, worra Saalaayii keessaa Qaalaayi, worra Aamooqii keessaa Eebeer. Worra Kelqiyaasii keessaa Hashaabiya'a, worra Yoodaa'e'ee keessaa Naatinaa'el. Bara gadoonni Eeliyaaseeb, Yoo'aadaa, Yohaana'aa fi Yaadu'aan fa'a jiraatan galmeen maatii gadootaatii fi ka worra Leewwotaa qophaayee ture. Gadoonni isaanii bara mootii Daariyoosii nama gosa Faarisii galmeeffaman. Bulchoonni manniin abboota ijoollee Leewwotaa haga bara Yohaanaa ilma Eliyaaseebiititti kitaaba seena'aa keessatti barreeffameera. Bulchoonni worra Leewwotaa Hashabiyaa, Sarraabiya'aa fi ilmi Qadimi'eelii Iyyaasuun akka ajaja Daawitii nama Rabbiititti obboleewwan isaanii afo'otti ulfeeffata'aa, galatoonfata'aanii turan. Mataaniyaa, Baqbuqiyaa, Abdiyyuu, Mesulaam, Xeelmoonii fi Aquub worra meeshaa balbala bira jiru eegu turan. Namoonni kunniin bara Yo'aaqiimii ilma Iyyaasuu ilma Iyyooseedeeqii, bulchaan isaanii Nahimiyaa, bara gadicha Izraa seera barreessuullee hin jiran turan. Hennaa ijaarsa Yerusaalemii eebbisan, haala eebbaa galataa fi gammachu'uun faarfata'aa sibiila shaka shaka jedhuun, meeshaa sagalee kennuun, Masiinqo'oonillee akka ayyaanteeffatan worra Leewwotaa hulee isaan jiran maraa soqan. Gadoonninii fi Leewwonni uf woyyoomsan; achiin maayessa banii, balballanii fi ijaarsallee hin woyyoomsan. Ani Nahimiyaan bulchoota biyya Yihuuda'aa dallawa irra isaan baase, worra galatoonfatanillee garee lamaan gugurda'aan isaan dhaabsisee, gareen tokko dallawa gara bita'aatiin gara hulee balbala kosiin itti gatamuu dhaqan. Isaaniin maayii Hooshaayaa, cinaan bulchoota Yihuuda'aa, Azaariyaas, Izraa, Mesulaam, Yihuudaa, Biiniyaam, Shamaaya'aa fi Ermiyaasillee xurumbaa qabatanii, ijoolleen gadootaallee heddu isaanii ilmi Asaafii, ilmi Zakkuurii, ilmi Mikkaaya'aa, ilmi Mataaniya'aa, ilmi Shamaaya'aa, ilmi Yoonaataanii Zakkaariyaas, Obboleewwan isaallee Shamaayaa, Eziri'eel, Miilaalaayi, Giilaalaayi, Ma'aayi, Naatinaa'el, Yihuudaanii fi Aanaan meeshaa faaru'uu ka Daawitii nama Rabbii qabatanii deeman; Izraan seera barreessullee isaan afo'otti deema'aa ture. Akkuma balbala burqaa bisaanii bira gayaniin dallawuma biraan gara qachaa Daawitii qajeelanii kortoo irra bayanii mana mootumma'aa ka Daawitii bira lufanii dallawa qachattii sanii ka gara baya biiftu'uutiin jiruun deeman. Hiriirri worra galatoonfatuu ka lammeesso'oo gara cinaa bita'aatiin deeme. Anii fi baniin cinaan isaan duuba turre; dallawa hulee ibiddaa ka gara gubba'aatii jalqabee haga dallawa badha'aa, balbala Efreemii gubba'aan, karaa balbala moofa'aatiin, gara balbala qurxummi'iitiin, ijaarsa Hanaani'eeliitiin, ijaarsa Hame'a'aatiin haga balbala hoolotaa deemanii balbala worra karra eeguu bira dhaabatan. Akkasuma gareen worra galatoonfatuu lamaanuu mana Rabbii keessa dhaabatan. Anii fi cinaan worra bulchootaa, gadoota keessaallee Eelyaaqeem, Ma'iseeyaa, Miiniyaamiin, Miikkaa, Eeliyoo'eenaayi, Zakkaariyaas, Hannaaniyaa xurumbaa qabatanii, Ma'iseeyaa, Shaamayaa, Alaazar, Oozi, Yihohanaan, Malkiyaa, Eelaamii fi Eetsiriin woliin dhaabanne; faarfattoonni laagaa gudda'aan faarfatan; masakkaan isaaniillee Yiziraahiyaa ture. Waan Rabbi guddisee isaan gammachiiseef guyyaa san ciincaa guddaa dhiyeessan, guddisanii gammadan. Dubartoonni isaaniitii fi ijoolleen isaaniillee guddisanii gammadan. Wony'i gammachuu Israa'elii fago'otti dhagayama. Baniin Yihuuda'aa tajaajiltoota ufii gadootaa fi Leewwotatti waan guddisanii gammadaniif, gadootaa fi Leewwotaaf gayee isaanii isaaniif akka qopheessaniif, akka seeraatitti qachoota keessaa daraaraa lafa qonnaa akka isaaniif wolitti qabaniif, kennaa ciinca'aa ka dhiyaatuu fi kennaa hangafaa, kudhan keessaa tokko irratti, manniin meeshaa keessa kaayan maraa irrattuu namoota muudan. Isaan, worri faarfattootaatii fi worri balbala eegan seera Waaqa isaaniitii fi seera woyyoomuu isaanii akkuma Daawitiitii fi akkuma ilma isaa Solomooniititti eegan. Bara durii bara mootii Daawitiitii fi mootii Asaafii bulchoota faarfattootaa ka Rabbiin laagaa ufiitiin galatoonfatanii fi ulfeeffatantu jira. Worri Israa'elii maruu bara Zarubaabelii fi bara Nahimiya'aa gayee worra faarfatuutii fi ka worra balbala eeguu guyyama guyya'aan isaanii kenna'aa turan. Waan woyyoome worra Leewwotaatii kennan. Worri Leewwotaallee waan argatan ka woyyoome san irraa fiixaa Aarooniitii kennan. Guyyaa san hennaa kitaaba seeraa ka Muuse'ee bani'ii dubbisan, «Worri gosa Amooniitii fi worri gosa Moo'aabii baraa haga bara baraa gara gumii Rabbii hin seenin» jedhu achi keessatti argan. Wonti ajanyi kun kennameef worri Israa'elii hennaa biyya Misiriitii bawu, worri gosa Amooniitii fi worri gosa Moo'aabii bisaanii fi midhaan waan dhooggatanii fi Bala'aam akka isaan abaaruuf waan isaanitti bitaniif. Garuu Waandhi keenna abaarsa gara eebbaa deebise. Hennaa seera kana dhagayan banii wolitti makame Israa'eliin irraa fooyan. Eliyaaseebiin gadichi tanaan dura gola mana Waaqa keennaa irratti muudamee ture; Xoobbiya'aan wolitti goshoomee, worra Leewwotaa, worra faarfattootaatii fi worra balbala eeganiif kennaa midhaanii, kennaa hixaanaa, meeshaa adda addaa, daadhii woyini'iitii fi kennaa midhaanii, kennaa kurneesso'oo ka midhaaniitii fi ka dhadhaa ejersaa, kennaa ciinca'aa ka gadootaaf ta'u ka gola keessatti qopheessan akka seera isaanii kennameetitti qopheesseefii ture. Ani garuu bara mootichi Baabiloonii Arxeeksis mooyee woggaa soddomii lammeesso'ootitti gara mana mootichaa waan dhaqee tureef hennaa tana ani Yerusaalemiin keessa hin turre. Hennaa hago'oon maayii mooticha kadhadhee gara Yerusaalemii deebi'e; akkuma achi gayeen Eliyaaseeb gola mana Rabbii keessatti Xoobbiya'aaf qopheessu'uun waan hamaa inni godhe arge. Wonti kun guddisee na mufachiise; meeshaa Xoobbiya'aa ka gola keessa jiru gad gara diidaa gate. Gola manaa akka qulqulleessan ajaje. Meeshaa mana Rabbii, kennaa midhaanii ka mana Rabbiitii fi hixaanallee deebisee gara mana Rabbii ol galche. Worra leewwotaatii gayeen isaanii akka isaanii hin kennamnee fi worri tajaajilan Leewwonninii fi faarfattoonni gara maasaa ufii akka deebi'an argee, «Manni Rabbii maaf gatame?» jedhee worra bulchootaatiin lole. Worra Leewwotaatii fi worra faarfattootaa deebisee akka isaan hujii isaanii jalqaban taasise. Kanaan maayessa worri Yihuuda'aa martinuu kennaa midhaanii kudhan keessaa tokko kennaa woyini'iitii fi ka dhadhaa ejersaa kudhan keessaa tokko gara mana meesha'aa fidan. Manniin meesha'aa irratti Yaaseemiin, Saadooqi, barreessaa isaatii fi Faddaayaa worra Leewwotaa keessaa muude. Namoota kanniin woliin ilma Mataaniya'aatii fi Hannaanii ilma Zakkuuriititu ture. Isaanillee namoota amanaman ta'anii argaman. Hujiin isaanii obboleewwan isaanii gargaaru'u. Kanaafuu Waaqa kiyya! na yaadadhu; jasaa ani mana keetiif godhe na jalaa hin balleessin. Guyyoota sanniin keessa biyya Yihuuda'aatitti namoonni ka guyyaa Sambataatiin ka hulee daadhii woyini'ii itti cuunfan dhiitan, worra gaalee woyini'ii, muka hurbu'uutii fi ba'aa adda addaa harriin ufiititti fe'anii gara Yerusaalemii fidan arge; kanniin maraa guyyaa Sambataatiin gara Yerusaalemii fidanii akka hin gurgurre isaan seere. Namoonni Xiroosiillee isii keessa jiraatan; qurxummi'ii fi meeshaa gurguraa ka adda addaa fidanii guyyaa Sambataatiin qachaa Yerusaalemiititti banii Yihuuda'aatitti gurgurata'aa turan. Bulchoota biyya Yihuuda'aatiin lolee, «Wonti hamaan isin gootan kun maali'i? guyyaa Sambataa batteessitanii? Abbootiin teessanillee akkanuma godhaniimii? wonti Waandhi keenna waan hamaa kana maraa nuu fi qachaa tana irrattillee fideef kanaafiimii? isinillee Sambata batteessitanii Israa'eliin irratti balaa edaatan» isaaniin jedhe. Kanaan maayessa jala bultii Sambataatitti hennaa lafti galgalaawu, balballan qachatti'ii akka cufamanii fi uduu Sambanni hin lufin akka hin banamne ajaja isaaniif kenne. Guyyaa Sambataatiin fe'aan kamuu akka gara qachatti'ii hin seenne ijoollee teenna keessaa namoota hedduun qachattii eessise. Isaan maruu guyyaa tokkoo fi lama qachattii Yerusaalemiitiin alatti gabayaa godhatanii turan. Anillee, «Qachatti'iin alatti maaf raasaa bultan? yoo deebitanii akka amma gootan kana gootan ani hunnaan isin miidha» jedhee isaan seere. Achiin maayessa guyyaa Sambataatiin deebi'anii hin dhufne. Worri Leewwotaa akka uf woyyoomsan, dhufanii balbala akka eeganii fi guyyaa Sambataallee akka woyyoomsan isaanitti hime. Kanaafuu Waaqa kiyya! na yaadadhu, akka araara kee gudda'aatiin garaa naa laafi. Ji'oota sanniinitti worri Yihuudi'ii ka dubartoota Azaaxoonii, Amooniitii fi Moo'aabii fuudhaniiran arge. Ijoollee isaanii keessaa cinaan isaanii afaan Azaaxoonii waan dubbataniif afaan Yihuudi'ii dubbachuu hin danda'an. Ani isaaniin wol morme, isaan abaarelle'e; isaan keessaa heddu isaanii hin rukute, rifeensa mataa isaaniillee hin bubuqqise, Achiin maayessa «Ijoollee isaanii ta durbaa ijoollee teessan ta dhiiraatitti hin fuudhinaa'a; ijoollee teessan ta dhiiraatitti ijoollee isaanii ta intalaa hin heerumsiisinaa'a» jedhee maqaa Rabiitiin isaan kassiise. Mootiin Israa'elii Solomoon waan kanaan cubbuu hujeemii? worra Yihuudii hin taane jiddu'utti mootiin akka isaa hin argamne. Inni Waaqa ufii biratti guddisee jaalatamaa ture. Rabbillee biyya Israa'elii maraa irratti isa moosisee ture. Isallee dubartoonni ormaa hin dogoggorsaniin. Dhugamaan waan hamaa guddaa kana maraa haa hojjannuu, dubartoota worra Yihuudii hin taanee fuudhu'uun seera Rabbii diiguu nu barbaachisaa?» Ijoollee Yoo'aadaa ilma Eliyaaseebii gadicha gudda'aa keessaa tokko soddaa Sanbalaaxii gosa Hoorii ture, ani uf biraa isa ari'e. «Waaqa kiyya! gadummaa, seera gadumma'aatii fi waadaa Leewwotaallee waan diiganiif isaan argi!» Battummaa biyya nyaaphaa maraa irraa akka woyyooman godhe. Worri gadootaatii fi Leewwonni marti isaaniituu seera isaan beekanii hojjachuun isaan barbaachisu maraa hin qopheesseef. Qoraan ciincaan ittiin ciincawu ka hennaa jedhame maraa keessatti dhiyaatuu danda'u qindeesse; midhaanii fi daraaraa isaa ka jalqaba gaye namoonni attamitti akka dhiyeessuu danda'an qopheesse. Waaqa kiyya! kana maraa yaadadhu; kana godhuu kiyyaan waan mishaa naa godhi. Mootichi Arxeeksis Hindiin irraa jalqabee haga Itoophiya'aa biyyoota dhibbaa fi diddamii torbaa bulcha'aa ture. Bara san mootichi Arxeeksiis mootummaa Gimbii Suusa'aa keessatti teessoo ufii irra taa'ee uduu jiru, Mootii ta'ee woggaa sadeesso'ootitti gorsitootaa fi worra baallii qaban maraaf affeerraa godhe. Gugurdoonni Faaresiitii fi Meedoonii maruu, worri ajajoota woraanaatii fi bulchoonni biyyaa achitti argaman. Ulfinna qabeenna mootummaa ufiitii fi ulfinna guddaa gaachena ufii ji'a jahaaf isaanitti mudhise. Achiin maayessa haga guyyaan kun raawwatame Gimbii Suusa'aa keessatti banii argame maraaf hiyyeessaa fi dureessa maraaf mootichi hulee biqiltuu mana mootichaa keessatti guyyaa torbaaf affeerraa biraa godhe. Huleen biqiltu'uu golga fuuttaa bifa adi'ii fi bule'een bareechifamee ture; golgaawwan haada dhaddoo diimaa dhiilge'een hojjatame, utubaawwan dhagaa calalaqaa irraa hojjataman irratti fannifamaniiran; sireen gaggabaabaan birri'ii fi worqii irraa hojjatamanillee lafa dhagaa calalaqaa gatii gudda'aa ka bifa diima'aa fi adii, booraa fi bule'een bareechifametu afameera. Wonti dhuganillee meeshaa worqi'ii ka adda addaatiin qoodama'aa ture; daadhiin woyini'ii ka mootichaa haguma kennaa mootichaatiin baay'ee guddaa ture. Mootichi akkuma fedha nama maraa akka godhan ajajoota manaa waan ajajee tureef namni martinuu haga ufii barbaadu dhuguu hin danda'a ture. Uduma kun akkanatti jiru mootittiin Asxiin mana mootummaa Arxeeksisii keessatti dubartootaaf affeerraa gootee turte. Guyyaa torbeesso'ootitti mootichi Arxeeksis daadhii woyini'ii dhugee hennaa gammade tajaajiltoota ufii Mihumaaniin, Baazaaniin, Harboonaaniin, Gabataa, Zatoliyaaniin, Ziitaarii fi Karkasiin ufitti waamee, «Mootittiin Asxiin uffata ufii ka mootumma'aa uffattee, gulloo ulfinnaa mata'atti godhattee akka as dhuftu godhaa» jedhee isaan ajaje; Mootichi mootittiin Asxiin guddiftee waan bareedduuf worra isaa ka baallii qabanii fi keessummoota isaa marattuu haa mudhattu'uuf barbaadee ture. Garuu mootittiin Asxiin namoota ijoo mooticha tajaajilan ajaje dhufuu didde; wonti kun mooticha guddisee aarsee lolchiise. Seeraa fi murtee laalchisee worra ogeeyyii qaroo gorsa kennan gaafachuun mooticha biratti waan baratame waan ta'eef hennaa san maal godhuu akka isa barbaachisu akka isa gorsaniif worra gorsa isaa kennan waamsise. Worri hennaa maraa isa gorsan Arqeesiyoos, Sheetaar, Admaataa, Taarshiish, Meerees, Maaleesi'aar, Maamukaan jedhaman bulchiinsa mootummaa isaa keessatti worri baallii gugurdaa qaban torban worra baallii gugurdaa qaban ka Meedooniitii fi ka Faaresii turan. Mootichi worra gorsa isaa kennu kanniiniin, «Ani mootichi Arxeeksis akka Asxiiniin fidaniif hojjattoota tiyya itti ergee isiin diddee hafteerti! kanaafuu waan tarkaanfii isii irratti fudhadhuu seerri maal jedha?» jedhee gaafate. Meemukaanillee mootichaa fi banii biyya bulchaman afo'otti akkana jedhe, «Mootittiin Asxiin worra biyya bulchan maraa fi banii biyya mooticha Arxeeksisii keessa jiran maraa yakkite malee mooticha callaa hin yakkine. Wonti mootittii tanaa gara dubartoota maraa waan gawuuf mootichi Arxeeksis mootittiin Asxiin gara isaa akka seentu ajaje. Garuu isiin hin seenne jedhamee haga itti himame dubartoonni waan mootittiin Asxiin goote kana yoo dhagayan abboota manaa ufiitiin ‹Mootichi Arxeeksis mootittii Asxiiniin akka isiin gara isaa dhuftu hennaa waamsise isiin diddee hin hafnee?› jedhan. Worri baallii qaban ka mootummaa Faarisiitii fi Meedoonii dubartoonni waan mootittiin tun goote yoo dhagayan adhuma uduu aduun hin dhiine abbaa manaa ufii irratti uf jajuu jalqaban; dubartoonni biyya keessatti argaman abbaa manaa ufii kabajjuu hin dhiisan. Abboonni manaatii fi haawwonni manaa wol loluu isaaniiti. Mootii kiyya! fedha kee mishaa yoo ta'e, murtii ammaa achi mootittiin Asxiin afoo kee dhiyaachu'uuf akka hin eeyyamamne mudhisu labsi'iin nuu dabarsi. Murtiin kunillee sirimaa ka hin jijjiiramne ta'ee bara baraaf akka jabaatu seera Faarisii fi Meedoonii keessatti akka barreeffamu ajaja nuu dabarsi. Ulfinna mootittii Asxiiniillee dubartii biraa ta isii irra woyya'aatii kenni. Ajanyi mootichaallee badhinna mootummaa isaa maratti hennaa himame dubartoonni maruu abbaa manaa ufii dureessaa fi hiyyeessa uduu hin jenne kabajjan.» jedhe. Gorsi kunillee mootichaa fi manguddoota hin gammachiise; Mootichi akkuma Meemukaan jedhe godhe. Kanaafuu mootichi ajaja, «Abbaan manaa martinuu mana ufii irratti abbaa worraa ta'ee mirga mana ufii ajaju'uu haa qabaatuu!» jedhu afaan maraa fi akkuma seera bareeffamaatiin qophaayee gara biyya maraa akka ergamu godhe. Waan kanaan maayessa mootichi Arxeeksis haga aariin isaa qabbanaaye Asxiiniin, waan isiin hojjattee fi waan isi'itti murteessellee qaabate. Kanaaf tajaajiltoonni mooticha tajaajilan mootichaan, «durba babbareeddan mootichaa haa barbaadamanii, bulchiinsa mootummaa keetii keessatti biyyoota gara garaa keessatti worra baallii qaban muudu'uun isaan dubartoota babbareeddan fila'aa qachaa guddoo Suusa'aa keessatti manniin dubartoota babbareeddan keessa jiraachisu'uuf filatametti akka isaan fidan haa taasifamuu; Heegee baallii qabu ka akka mana kana eeguuf ati filatteen haa eeggamanii; isaan akka bareedan haa taasifamanii. Intalti bareedduun mooticha gammachiiftu bikka Asxiinii haa mootuu» jedhaniin. Wonti kun mooticha hin gammachiise; innillee akkasuma godhe. Ilmi Qiisii Ayihuudichi, ilmi Saame'ii, ilmi Iyyaa'irii ka Mardokiyoos jedhamu Biiniyaamtichi gimbii Suusa'aa keessa ture. Innillee nama mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor Yerusaalemiin keessaa mootii Yihuuda'aa Ikooniyaaniin woliin, worra booji'aman booji'amtoota woliin booji'ame ture. Inni Asteerii afaan ibraayisxiitiin Hadaasaa jedhamtu ta abba'aa fi haadha hin qabne intala eessuma ufii guddifatee ture. Isiin hojjaamettii guddiftee bareeddu turte. Haga haatinii fi abbaan isi'ii du'aniin maayessa Mardokiyoos akka mucattii ufii godhee guddifatee ture. Haga ajanyinii fi labsiin mootichaa dhagayame, babbareeddonni baay'een gara gimbii Suusa'aa harka Heege'eetitti haga wolitti qabaman, Asteeriin gara mana mootichaa gara Heegee eedduu dubartootaa fidaniin. Asteer Heegee hin gammachiifte; isa afo'otti gaachena argatte. Uduu yeroon hin dhumanne nyaanni mishaan akka kennamuuf, nafti isi'ii sukkuumamee akka qajeelu godhu'uu fi bareeddinni isi'ii kunuunfamee akka eeggamu murteesse, «Mana dubartoota filatamanii keessaa kutaa maraa caalaa woyya'aa filee kennu'uun dubartoota torbaa mana mootumma'aa keessaa filaman akka isii tajaajilan ramadeef. Waan Mardokiyoos akka waan kana hin dubbanne isii ajajee tureef Asteer banii ufiitii fi gosa ufii hin himanne. Mardokiyoos nageenna Asteeriitii fi waan isi'ii ta'u beeku'uuf guyya guyya'aan kolba mana dubartoota filatamaniitiin asii fi achi deddeebi'a'aa ture. Dubartoota babbareeddan ji'oota kudha lamaaf kunuunsan; kunillee dhaaba nafa isaanii qajeelchu'uuf ji'oota jahaa ka jalqabaa dhadha'aa fi beensoo ansha'aatiin, ji'oota jahan hafetti urgoo urgaaya'aa fi waan qulqulleessu ka gara garaatiin raawwatama ture, akkasuma haga godhameefiif maayessa gara mootichaa gara Arxeeksisii seenu'uuf koreen babbareeddanii hennaa gaye hin kunuunsan ture; akka aadaa kanaatiin bareedduun gara mootichaa seenti ture. Mana dubartootaatii gara mana mootichaa fidu'uuf waan isiin barbaaddu maraa kennaniif turte. Galgala gala'aa turte; hennaa bari'u deebitee gara mana dubartootaa ka biraa ka lammeesso'oo gara tajaajilaa mootichaa ka mata galtoota eeguu gara Sha'ashgaazii dhufa'aa turte. Yoo mootichi ka hin jaalanne ta'e, yoo ka maqaa isi'iitiin hin waamne ta'e, sanii achi gara mootichaa hin deebitu turte. Gara mootichaa akka seentuuf koreen Asteerii mucattii Abikaa'elii ta eessumni isi'ii Mardokiyoosii hennaa gaye, waan Heegeen eedduun dubartootaa hojjataan mootichaa jedhuu achi isiin womaa hin barbaanne ture; Asteer ka isii laalu maraa afo'otti gaachena argattee turte. Kanaafuu Arxeeksis mooyee woggaa torbeesso'oo ji'a kudha lammeesso'oo ka Adaar jedhamutti Asteeriin gara mana mootichaa fidan. Mootichi durba maraa caalaa Asteeriin jaalate. Isiin ija isaa afo'otti durba maraa caalaa gaachenaa fi jaalala argatte. Gulloo ulfinnaa ka mootummaa ufii mataa isi'iititti gonfee bikka Asxiinii isii moosise. Achiin maayessa mootichi ulfinna Asteeriitiif gorsitootaa fi tajaajiltoota ufii ka baallii qaban maraaf guyyaa torbaaf affeerraa guddaa godhe. Biyyoota bulchiinsa isaa keessa jiran maraa keessatti ayyaanni gammachuu gudda'aa akka ayyaanteffamu labse; mootichi haguma arjummaa ufiitiin kennaa kenne. Hennaa durbi lammeesso'oof wol gayan balbala mootichaa afo'otti Mardokiyoosii baalliin kennameefii ture. Asteer nama Ayihuudi'ii akka taate uf hin himne turte. Mardokiyoos kana eennuttillee akka hin himne sirri'itti itti himee uf eeggachiisee waan tureef. Isiin hennaa daa'imumma'aa isa harka hennaa jirtu, akkuma waa maraanuu isaa ajajama'aa turte, ammallee waan kanaafillee hin ajajamteef. Ji'oota sanniin keessa Mardokiyoos balbala mootichaatitti hujii irra uduu jiru, worra eeddota balbala mootichaa keessaa worri baallii qaban lamaan Gabata'aa fi Taaraan mooticha Mardokiyoositti diina ta'anii isa ajjeesu'uuf itti ka'anii turan. Mardokiyoos akka isaan waan kana yaadan dhagayee mootittii Asteeritti hime; isiinillee dhossaa kana maqaa Mardokiyoosiitiin mootichatti himte. Dubbiinillee qoratamee dhugaa ta'ee argame. Kanaafuu jara dhibduu sanniin lamaanuu muka irratti fannisanii ajjeesan. Mootichi akka wonti kun kitaaba seena'aa ka mootichaa keessatti barreeffamee taa'u ajaja dabarse. Waan kanaan maayessa mootichi Arxeeksis Hagaagichi ilma Hamadaatu'uu Haamaa hin kabajjeen; ulfinna kenneef. Teessoo isaallee worra baallii qaban ka isa woliin jiran maraayyuu ol godheef. Mootichi waan isaatiif waan ajajeeruuf worri baallii qaban ka mootichaa worri balbala mootichaa irra jiran maruu kufanii Haama'aa sagada'aa turan; Mardokiyoos garuu kufee hin saganneef. hojjattoonni mootichaa worri balbala mootichaa irra jiran maruu Mardokiyoosiin, «ajaja mootichaa maaf diidda?» jedhaniin. Waan kana guyyama guyya'aan isatti himan, inni garuu isaan hin dhageenne; inni nama Ayihuudi'ii akka ta'e waan isaanitti himee tureef kanaafuu amalli Mardokiyoosii haga yoomii akka itti fufu laalu'uuf isaan waan kana Haama'atti himan. Haamaan akka Mardokiyoos kufee isaa hin saganne haga arge guddisee lole. Gosa Mardokiyoosii waan itti himanii turaniif Mardokiyoosiin ajjeessuun qofaan akka gayaa hin taane hubate. Haamaan banii Mardokiyoosii ka mootummaa Arxeeksisii keessa jiran Ayihuudota maraa balleessuu barbaade. Arxeeksis mooyee woggaa kudha lammeesso'oo ji'a jalqabaa ka Niisaan jedhamuu jalqabee guyya guyya'aa fi ji'a ji'aan haga ji'a kudha lammeesso'oo ka Adaar jedhamuu Haamaa afo'otti hixaa fuur jedhamu ka akka Ayihuudonni badaniif buusan hujii irra oolchu'uuf guyyaanii fi jiini mijaayan kamiin akka ta'e akka beekkamuuf ajaja kenne; akkaatama hixa'aatiin ji'a kudha lammeesso'oo ka Adaar jedhamu guyyaa kudha sadeesso'ootitti akka ta'u murteeffame. Haamaanillee mootii Arxeeksisiin, «Bulchiinsa mootummaa keetii keessa banii tokko ka biyyoota gara garaa keessa bittinnaayanii jiraatantu jira; Seerri isaanii seera banii maraa irraa adda. Seera mootichaa hin eegan; mootichillee isaan dhiisuu hin qabu, yoo mootichi tole jedhe akka badu haa barreeffamuu; anillee gara mana galme'ee akka seensisan kennaa birri'ii kuma kudhan worra hujii mootichaa hojjatanii kenna» jedheen. Mootichillee qubee harkaa baafatee Haamaa diina Ayihuudotaa hagaagicha ilma Hamadaatu'uutii kenne. Mootichi Haama'aan, «Waan si gammachiisu akka isaan irratti gootu birri'ii fi baniinillee sii kennameera» jedheen. Ji'a jalqabaa guyyaa kudha sadeesso'ootitti barreessitoonni mootichaa waamaman. Hindii jalqabee haga Itoophiya'aa biyyoota dhibba tokkoo fi diddamii torbaa marattuu, gara banii Yihuudota hin taane marattuu, gara bulchoota biyya maraatittuu akkuma afaan isaaniitiin jecha mootii Arxeeksisii akkuma Haamaan jedhe barreeffamee qubeen mootichaa irratti chaappeeffame. Ji'a kudha lammeesso'oo ka Adaar jedhamu guyyaa kudha sadeesso'ootitti Ayihuudota maraa ijoollee, manguddoota, daa'immanii fi dubartoota guyyaa tokkotti akka balleessanii fi akka ajjeesan, akka barbadeessan, boojuu isaaniillee akka saaman xalayaan harka ergamtootaatiin gara biyyoota mootichaa maratti ergaman. Guyyaan haagana'aa sun hennaa gaye namni maruu akka qophaayu, xalayoota dubbisu'uuf hulee namaa tolutti bulchiinsa mootii moototaa maraa irratti akka maxxanfamu mootichi hin ajaje. Ajaja mootichaatiin ariifata'aa deeman. Labsiinillee gimbii Suusa'aatitti himame; qachattiin Suusa'aa raafama guddaa keessa uduu jirtu mootichinii fi Haamaan garuu dhugu'uuf taa'an. Mardokiyoos waan godhame maraa haga beeke uffata ufii biinxee, uffata gaddaa uffatee, daaraa uf irratti firfirsee qachaa wodhakka'atti bayee guddisee mararamee booye. Uffata gaddaa uffatee balbala mootichaatiin seenuun waan hin danda'amneef haguma balbalaa deeme. Biyya ajanyinii fi labsiin mootichaa gaye maratti worra Ayihuudi'ii irratti gadda guddaa, booyichaa fi iyyatu ta'e. Namoonni hedduu soomanii, uffata gaddaa uffatanii daaraa ufitti firfirsanii taa'an. Hojjattoonni Asteeriitii fi worri baalli qaban ka isii eegan dhaqanii Asteeritti himan. Mootittiinillee guddiftee gaddite. Uffata gaddaa mulqatee uffata biraa akka jijjiiratu Mardokiyoosii ergite. Inni ammo hin dide. Kanaan maayessa Asteer worra ijoo mooticha tajaajilan ka baallii qaban keessaa ka mootichi akka isii tajaajiluuf ramade Hataakiin waamtee inni Mardokiyoosiin bira dhaqee maaltu akka isa irra gaye beeku'uuf ergite. Hataakillee balbala seensa mootichaa ta gara baya balbala qachatti'iititti ta itti gad bayaniitiin gara Mardokiyoosii dhaqe. Mardokiyoosillee waan godhame maraa, akka Haamaan Ayihuudota balleessu'uuf mana galmee qabeennaatitti godhu'uuf ta'u laakkobsa birri'iillee itti hime. Garagalcha labsii barreeffamaa ka gimbii Suusa'aa keessattii himame, ka akka isaan dhuman ibsu akka Asteeritti mudhisu isatti kenne; Asteer waan banii ufiitiif gara mootichaa seentee akka kadhattuu fi worwaattu akka isi'itti himuu fi ajaju itti hime. Hataakillee dhaqee waan Mardokiyoos dubbate Asteeritti hime. Asteerillee Hataakiin akkana jettee Mardokiyoositti ergaa ergite, «Worri baallii qaban ka mootichaatii fi baniin biyya keessa jiraatan maruu dhiirti yookaan intalti namni uduu hin waamamne gola mana mootichaa keessa ol seenu maruu yoo mootichi ulee worqi'ii itti hiixate malee akka ajjeefaman hin beekan. Ani garuu uduu hin waamamne kunoo guyyaan soddomaa lufeera.» Hataakillee ergaa Asteerii Mardokiyoositti hime. Mardokiyoos Hataakiin, deemiitii Asteeriin akkana jedhi jedheen. «Ati waan mana mootichaa keessa jiruuf Ayihuudota mara keessaa hafa jettee onnee tee keessatti hin yaadin. Hennaa kanatti ati yoo mooji jette Ayihuudotaaf gargaarsinii fi fayyinni hulee biraatii hin dhufaaf. Atii fi manni abbaa keetii garuu hin baddan. Ati garuu wonti gara mootummaa kanaa dhufteef guyyaa akkanaa kanaaf yoo ta'e maaltu beeka?» Asteerillee akka inni akkana jedhee Mardokiyoosii deebisu ajajjeen. «Deemii Ayihuudota Suusaa keessa jiran maraa wolitti qabi, naaf soomaa'a, kadhadhaa'a, guyyaa sadihiif halkanii fi guyyaa hin nyaatinaa'a, hin dhuginaa'a, anii fi hojjattoonni tiyyallee akkasuma hin soomna. Yoma seeraan alallee ta'e mooticha bira hin seena; yoo badellee hin bada.» Mardokiyoosillee deemee akka Asteer isa ajajje maraa godhe. Guyyaa sadeesso'ootittillee Asteer uffata mootummaa ufii uffattee kolba teessoo kutaa mana mootichaa keessa dhaabatte. Mootichillee mana mootummaa ufii keessa kolba seensaa afo'oon taa'aa ture. Mootichi mootittiin Asteer kolba seensaatiin ka dhaabatteertu hennaa arge isa afo'otti gaachena argatte. Mootichillee ulee worqi'ii ka harkaa qabu Asteeritti hiixate. Asteer dhiyaattee qaccee ule'ee tuxxe. Mootichi, «Mootittii Asteer! maal na kadhatta? waan barbaaddu wodhakkaa mootummaa kiyyaallee yoo ta'e sii kennaa» jedheen. Asteerillee mootichaan, «Yoo fedha kee ta'e affeerraa ani mootichaaf qopheesse irratti Haamaa woliin koottaa'a» jetteen. Mootichillee, «Akkuma Asteer jette akka godhamu daddafa'aa Haamaa waamaa'a» jedhe. Mootichinii fi Haamaan gara affeerraa Asteer qopheessitee dhufan. Mootichi affeerraa daadhii woyini'ii irra uduu jiru Asteeriin, «Wonti ati barbaaddu maali'i? sii kennamaa kadhaan kee maali'i? haga wodhakkaa mootummaa kiyyaallee yoo ta'e sii kennama» isi'iin jedhe. Asteerillee deebiftee, «Kadhaan kiyyaa fi wonti ani barbaadu kana. Mooticha biratti yoo gaachena argadhee jiraadhe akka kadhaan kiyya raawwatamu, waan barbaadullee akka godhu, yoo mooticha gammachiisee jiraadhe mootichinii fi Haamaan boru deebitanii gara affeerraa ani qopheessee akka dhuftan.» jette. Guyyaa san Haamaan garaa ufii keessatti guddisee gammadee baye. Haa ta'uu ammo Mardokiyoos ka balbala mootichaa jiru ol ka'uu didu'uu fi sodaa malee akka taa'eeru haga arge, Haamaan Mardokiyoositti guddisee aare. Haamaan garuu obsee gara mana ufii deeme. Nama ergee jaalalloota ufiitii fi haadha manaa ufii Zereshiin waamsise. Haamaan ulfinna qabeenna ufiitii fi baay'inna ijoollee ufii, ulfinna mootichi isa ulfeesseen maraa, jaarsotaa fi worra baallii qaban ka mootichaa biratti akka kabajjeen isaanitti odeesse. Haamaan, «Gara affeerraa mootittiin Asteer qopheessitee anaan alatti mooticha woliin eennuunillee hin waamne. Borullee mooticha woliin waamameera; garuu Mardokiyoosiin Ayihuudichi balbala mootichaa taa'ee hennaa argu ulfinni kun maruu anaaf womaa hin fayyadu» jedhe. Kanaafuu Haati manaa isaa Zereshii fi jaalalloonni isaa maruu «Jirma dheerinni isaa ciqilee shantamaa ta'u qopheessii boru akka Mardokiyoos itti fannifamu mootichatti himi; gammada'aa mooticha woliin gara affeerra'aa seeni» jedhaniin. Wonti isaan jedhan Haamaa gammachiise, jirmallee hin qopheesse. Halkan san mooticha hirribni hin dide; kanaafuu kitaaba seenaa baraa akka isaa fidan ajaje. Isaanillee fidanii isaa dubbisan. Worra baallii qaban ka mootichaa ka balbala mootichaa eegan keessaa lamaan Gabata'aa fi Taaraan mootii Arxeeksisiin ajjeesuu akka yaaliin taasifame akka Mardokiyoos dhossaa baase ka barreeffameeru argame. Mootichillee, «Waan kanaaf Mardokiyoosiif ulfinna mishaa maaltu godhameef?» jedhe. Worri baallii qaban ka mootichaa, «Womaa hin godhamneef» jedhaniin. Mootichillee, «Galma keessa eentu jira?» jedhe. Hennaa san Haamaan jirma qopheesse irratti Mardokiyoosiin fannisu'uuf mootichatti himu'uuf gara mana mootichaa gara galma diidaa seenee ture. Worri baallii qaban ka mootichaallee, «Kunoo Haamaan galma keessa dhaabateera» jedhaniin. Mootichillee, «Seeni jedha'aan» jedhe. Haamaanillee hin seene. Mootichillee Haama'aan, «Nama mootichi kabajjuu barbaaduu maaltu haa godhamu?» jedheen. Haamaan garaa ufii keessatti mootichi ana malee eennuun kabajjuu barbaada? jedhe. Haamaan mootichaan, «Nama mootichi kabajjuu barbaaduu akkana haa godhamuu, Uffata ulfinnaa ka mootichaa itti haa uwwisanii, fardi mootichi yaabbatu haa dhufuufii, gulloon mootichaallee mataa isaa irratti haa godhamuu. Worra baallii qaban ka mootichaa ijoo keessaa tokkocha waamsiftee uffanni mootumma'aallee itti kennamee farda qophaayeef yaabbisanii afoo isaa deema'aa gara baya qachatti'ii baasanii ‹nama mootichi ulfeessuu barbaadee akkanatu ta'aaf› jedha'aa labsii labsa'aa haa dubbatuu» jedheen. Mootichi Haama'aan, «Daddafii akkuma dubbatte uffataa fi farda fuudhii nama balbala mootichaa afoo taa'u Mardokiyoosii Ayihuudichaa waan dubbatte keessaa uduu womaa hin dhidhisin akkasuma godhiif» jedheen. Kanaafuu Haamaan uffataa fi farda fuudhe. Uffata Mardokiyoositti uwwisee, farda irra kaayee, balbala baya qachatti'iititti afoo isaa deema'aa «Nama mootichi ulfeessuu barbaadu akkanatti kabajjan!» jedha'aa labsii labse. Mardokiyoosillee gara balbala mootichaa deebi'e. Haamaan garuu gaddee fuulatti haguuggatee, daddafee gara mana ufii lixe. Haamaan haadha manaa ufii Zereshii fi jaalalloota ufii maraa waan isa irra gaye maraa isaanitti hime. Worri ogeeyyiinii fi haati manaa isaa Zereshillee, «Ka afoo isaatitti kufuu jalqabde kun Mardokiyoosii gosa Ayihuudotaa yoo ta'e sirima afoo isaatitti hin mooyatamta malee hin mooyattuun» jedhaniin. Uduma isatti hima'aaran, namoonni baallii qaban ka mootichaa hin dhufan; gara affeerraa Asteer qopheessitee haa dhufu'uuf Haamaa ariifachiisan. Mootichinii fi Haamaan gara nyaachisa mootittiin Asteer qopheessitee dhaqan. Guyyaa lammeesso'ootitti mootichi uduu affeerraa daadhii woyini'ii irra jiru Asteeriin, «Mootittii Asteer! maal na kadhatta? sii kennamaa wonti feetu maali'i? wodhakkaa mootummaa kiyyaallee yoo ta'e sii godhamaa» isi'iin jedhe. Mootittiin Asteer deebiftee mootichaan, «Mootii kiyya! si biratti yoo gaachena argadhee jiraadhe, yoo mooticha gammachiisa ta'e ani akka jiraadhu; baniin kiyyallee akka jiraatan haa ta'u, Anii fi baniin kiyya garbumma'atti gurguramuun keenna hanqatee badi'ii fi dhumti nutti murteeffameera, uduu garbumma'atti gurguramuu callaa ta'ee silaa hin cadhisa, sillee hin rakkisu ture» jette. Mootichi Arxeeksis mootittii Asteeriin, «Ka waan kana godhu'uuf gara'aan ugge eennu? eessa jiralle'e?» jedhee isi'itti dubbate. Asteerillee, «Haamaa diintichaa dharticha san» jette. Haamaan mootichaa fi mootittii afo'otti hin naye. Mootichillee aaree daadhii woyini'ii ka dhuga'aaru dhiisee ka'ee gara dawoo biqiltuu mana mootichaa keessa deeme. Haamaanillee mooticha biraa akka wonti hamaan itti yaadame waan beekeef lubbuu ufii hambisu'uuf mootittii Asteeriin kadhachu'uuf achumatti hafe. Mootichi dawoo biqiltu'uu keessaa gara affeerraa daadhii woyini'ii hennaa deebi'u, Haamaan siree Asteer irra jirtu irratti kufee ture. Mootichi, «Namni kun mana mootumma'aa kiyya keessatti, uduu ijji tiyya argitu, mootittii ugguu barbaadaa?» jedhee itti iyye. Akkuma wonti kun afaan mootichaatii bayeen yoma san worri qaamni uumataniin hin hojjanneef fuula Haama'aa dhossan. Isaan keessaa tokkochi hojjataan mootichaa ijoon ka Harboonaa jedhamu mootichaan, «Mootii'i! Haamaan bee Mardokiyoosii nama asiin dura du'a irraa si hambise fannisee du'aan adabu'uuf jirma dheerinni ciqilee shantamaa ta'u mana ufii keessatti qopheesseera.» jedhee dubbate. Mootichillee, «Haamaa fida'aa jirma san irratti fannisaa'a» jedhee ajaje. Kanaaf jirma Haamaan Mardokiyoosiin irratti fannisu'uuf qopheesse irratti fannifame; achiin maayessa aariin mootichaa hin qabbanaaye. Guyyaa san mootichi Arxeeksis qabeenna Haama'aa maraa ka diinticha Ayihuudotaa mootittii Asteeriif kenne; Asteerillee Mardokiyoos isi'iif maal akka ta'e waan itti himtee turteef inni mooticha bira seene. Mootichillee qubee Haamaa irraa baase Mardokiyoosii kenne. Asteerillee mana Haama'aa irratti Mardokiyoosiin muudde. Achiin maayessa Asteer booya'aa luka mootichaa irratti kuftee ammallee waan hamaa Haamaan gosa Agaagii Ayihuudota irratti godhe kana mootichi akka kaasu kadhatteen. Mootichillee ulee worqi'ii Asteeritti hiixate. Asteerillee kaatee mooticha afoo dhaabattee, «Yoo mooticha ka gammachiisu ta'e, isa afo'ottillee yoo gaachena argadhee jiraadhe, wonti kunillee isa afo'otti yoo qajeelaa ta'e, anillee isa afo'otti yoo jaalatamee jiraadhe ilmi Hamadaatu'uu Agaagichi Haamaan biyya mootichaa maraa keessatti Ayihuudota jiran balleessu'uuf dharri inni barreesse akka gara galu haa barreeffamuu, Ani waan hamaa banii kiyya irratti ta'u arga'aa attamitti cadhisuu danda'a? yookaan uduu baniin kiyya dhumu attamitti arga'aa cadhisa?» jette. Achiin maayessa mootichi Arxeeksis mootittii Asteerii fi Mardokiyoosii Ayihuudichaan, «Kunoo waan hamaa Haamaan worra Ayihuudotaa irratti godheef akka jirma irratti isa fannisiisee fi qabeenna isaa maraa akka Asteerii kenne hin beekkama, Wonti maqaa mootichaatiin barreeffamee fi ka qubee mootichaa irratti chaappeeffame waan hin jijjiiramneef isin garuu waan isinitti tole maqaa mootichaatiin waan Ayihuudotaa barreessaa'a, qubee mootichaatiin chaappeessaa'a» isaaniin jedhe. Wonti kun ka ta'e jiini sadeesso'oo ka Niisaan jedhamee waamamu seenee guyyaa diddamii sadeesso'ootitti. Mardokiyoos barreessitoota mootichaa maraa waamee xalayaa Ayihuudotaafillee akka afaan isaaniitiin, bulchoota biyyoota Hindii haga Itoophiya'aa jiran biyyoota dhibba tokkoo fi diddamii torbaa bulchan, bulchoota biyyaatii fi worroota baallii qabaniif ergamu barreessisiise. Xalayoota afaan biyya maraatiif akka seera barreeffama Ayihuudotaatiif afaan isaaniitiin tooyatanii akka barreeffamu godhame. Mardokiyoos xalayaa kana maqaa mootii Arxeeksisiitiin barreessisiise qubee mootichaatiinillee hin chaappeesse. Xalayaallee worra ergamtoota ka faradoo moonaa mootichaatitti dhalatan yaabbatan ka hujii mootichaa ariifachiisu'uuf filatamaniin erge. Labsiin mootichaa Ayihuudonni qachattii keessa jiraatan maruu wol gayanii akka diina uf irraa ittisan, akkasuma worra isaan, haawwota manaa isaaniitii fi ijoollee isaanii maraa irra balaa buusan worra meeshaa woraanaa hidhate akka ajjeesan, akka balleessanii fi qabeenna isaanii maraa akka saaman isaanii eeyyame. Kunillee ji'a Adaar jedhamu ji'a kudha lammeesso'oo guyyaa kudha sadeesso'ootitti biyya mooticha Arxeeksisii maratti guyyaa tokkotti akka raawwatamuuf. Ayihuudonni diina ufiititti tarkaanfii fudhatu'uuf guyyaa san akka qophaayan garagalchi xalayichaa banii biyyoota san keessa jiran maraaf labsame. Faradoo arreedan ka mootichaan akka tajaajilaniif filataman ajaja mootichaatiin yaabbatanii hollata'aa, ariifata'aa deemanii labsiin akka gimbii Suusa'aatitti himamu taasisan. Mardokiyoos uffata ulfinnaa ka bifa bule'ee fi haarrii adi'iin hojjatame uffatee, kennaa worqi'ii guddaa godhatee, uffata laafaa, uffata diimaa dhiilgee irraa hojjatame uffatee mooticha biraa baye; qachaan Suusa'aallee gammaddee ililfatte. Sababaa kanaaf Ayihuudotaa ifa, gammachuu, usheexu'uu fi ulfinnatu ta'e. Biyyaa fi qachaa ajanyinii fi labsiin mootichaa gaye maratti Ayihuudotaaf gammachuu usheexxu'uu fi guyyaa affeerra'aa, guyyaa mishaa isaanii ta'e. Ayihuudota waan sodaataniif worra Yihuudii hin taane keessaa namoonni baay'een amantii Ayihuudi'ii fudhatan. Ji'a kudha lammeesso'oo ka Adaar jedhamu guyyaa kudha sadeesso'ootitti, guyyaa ajanyinii fi labsiin mootichaa raawwatamutti, guyyaa diintonni Ayihuudotaa isaan irratti mooyu'uuf ta'anitti Ayihuudonni diintota ufii akka mooyatan ta'ee dubbiin gara gale. Ayihuudonni namoota miidhamuu isaanii barbaadan fixu'uuf qachoota biyya mooticha Arxeeksisii keessa jiran maraa keessaa wolitti qabaman. Baniin maruu waan guddisanii isaan sodaataniif eennullee ka isaan danda'u hin argamne. Waan Mardokiyoosiin sodaataniif worri baallii qabanii fi bulchoonni biyya san keessa turan worri hujii mootichaa hojjatan maruu Ayihuudota gargaaran. Kabajjaan Mardokiyoosii waan eda'aa deemeef mana mootichaa keessatti baalliin guddaan kennameef, gurri isaallee biyya maraa keessatti dhagayame. Ayihuudonni diintota ufii maraa guraade'een dhaya'aa ajjeesanii fixan. Worra isaan jibban irratti waan barbaadan godhan. Ayihuudonnillee gimbii Suusa'aatitti namoota dhibba shanii gayan ajjeesanii fixan. Guyyaa san baay'inna namoota gimbii Suusa'aatitti du'anii gara mootichaa fidan. Mootichi mootittii Asteeriin, « Ayihuudonni gimbii Suusa'aatitti namoota dhibba shanii fi ijoollee Haama'aa kudhan ajjeesanii balleessan; biyyoota mootichaa ka hafan irratti akkam godhinnu laata. Amma hoo kadhaan kee maali'i? sii kennamaa, wonti biraa ka barbaaddu maali'i? sii raawwatamaa» isi'iin jedhe. Asteerillee, «Mooticha yoo ka gammachiisuu, Ayihuudonni Suusaa keessa jiraatan akkuma ajaja adha godhanii borullee akkasuma haa godhanii; reeffi ijoollee Haama'aa kudhanuu jirma irratti haa fannifamanii» jette. Mootichillee akka wonti kun godhamu ajaje, labsiinillee Suusa'atti hin labsame; reeffa ijoollee Haama'aa kudhanuu hin fannisan. Ayihuudonni Suusaa jiran ji'a Adaar jedhamu guyyaa kudha arfaffa'aatitti ammallee wolitti qabamanii Suusaa keessatti haga namoota dhibba sadihii ajjeesan. Garuu womaa hin saamne. Ayihuudonni hafan worri biyya mootichaa keessa jiran jireenna ufiitiin jiraachu'uu fi diintota ufii jalaallee bawu'uuf wolitti qabaman. Worra isaan jibban keessaa namoota kuma torbaatamii shanii ajjeesan. Garuu womaa hin saamne. Ji'a Adaar jedhamu guyyaa kudha sadeesso'ootitti, wonti kun raawwatamee guyyaa kudha arfaffa'aatitti hara baafatanii guyyaa affeerra'aatii fi ka gammachu'uu godhatan. Ayihuudonni qachaa Suusa'aa keessa jiraatan ammo guyyaa kudha sadeesso'ootii fi guyyaa kudha arfeesso'ootitti wolitti qabaman; guyyaa kudha shaneesso'ootitti hara baafatanii guyyaa dhuddo'ootii fi ka gammachu'uu godhatan. Kanaaf Ayihuudonni gandootaa fi qachoota hin dallawamne keessa jiraatan ji'a Adaar jedhamu guyyaa kudha arfeesso'oo guyyaa gammachu'uu, guyyaa nyaataa fi dhugaati'ii, guyyaa kennaa itti wolii kennan godhatan. Mardokiyoos waan kana hin barreesse; xalayootallee biyya mootii Arxeeksisii maratti Ayihuudota dhiyo'oo fi fagoo jiranitti erge. Wogga wogga'aan ji'a Adaar jedhamu guyyaa kudha arfeesso'oo fi kudha shaneesso'oo, guyyaa Ayihuudonni diintota ufii jalaa hara baafatan; jiini kun ji'a isaan gaddaa gara gammachu'uu, booyichaa gara guyyaa gammachu'uu itti lufan ta'ee akka eegan, guyyaa affeerra'aatii fi guyyaa gammachu'uu, guyyaa isaan kennaa itti wolii kennanii fi guyyaa hiyyeeyyi'iillee kennaa itti kennan akka godhatan isaan ajaje. Ayihuudonnillee waan hojjachuu jalqaban, waan Mardokiyoos isaaniif barreesse godhu'uuf waan inni jedhe fudhatan. Haamaan Agaagichi ilmi Hamadaatu'uu diinni Ayihuudota maraa Ayihuudota balleessu'uuf dhara dhayee ture. Isaan barbadeessu'uu fi balleessu'uuf hiree, «Fuur» jedhamu buusee ture. Asteer hennaa mooticha bira seente, dharti hamaan Ayihuudota irratti yaadame akka isumatti deebi'u, inninii fi ijoolleen isaallee jirma irratti akka fannifaman xalaya'aan ajaje. Kanaaf guyyoonni ayyaanaa kunniin, «Fuuriim» jedhaman. Jechoota xalayaa kana irratti barreeffaman maraaf waan arganii fi waan argatan maraaf, Kanaafuu mucattiin Abikaa'elii mootittiin Asteerii fi Mardokiyoosiin Ayihuudichi wol ta'anii waan fuuriimiitiif xalayaa lammeesso'oo tana jabeessu'uuf baallii ufii maraan barreessan. Xalayaa mootummaa Arxeeksisii Ayihuudota biyyoota dhibbaa fi diddamii torbaa keessa jiran maratti xalayaa waan nagayaatii fi akka nagayaan jiraatan ibsu ergan. Guyyoota fuuriimii kanniin akka Mardokiyoosiin Ayihuudichinii fi mootittiin Asteer ajajanitti ufii fi fiixaa ufiitiif akkuma seera soomaatii fi gaddaa ufiititti kabajjatu'uuf akka fudhatan hennaa maraa akka jabeessan barreessan. Ajanyi Asteerii waan fuuriimii kana hin jabeesse; kitaaba keessattillee hin barreeffame. Mootiin Arxeeksiis mootota mootummaa isaa jala jiran, banii qacce'ee haga qacce'ee jiraatan gibira gabbarsiise. Wonti gugurdaan inni godhee fi maalachiisaan marti Mardokiyoosiin akkamitti akka kabajjee attamiin akka gara baallii gudda'aatii fi ulfinna gudda'atti isa geesse seenaan himu Kitaaba seena'aa ka Meedooniitii fi Faaresii keessatti akka barreeffamu taasifameera. Mardokiyoosiin Ayihuudichi mooticha Arxeeksisitti aanee lammeessoo ture; nama obboleewwan ufii biratti jaalatama'aa fi kabajjamaa, ka bani'ii waan mishaa yaade, ka fiixaa ufiitiifillee akka isaan nagayaan jiraataniif guddisee xaare ture. Biyya «Uuzi» jedhamu keessa nama maqaan isaa «Iyyoob» jedhamu tokkotu ture; Inni qajeelaa mudaa hin qabne ka Rabbiin sodaatuu fi ka hamaa irraa fagaate ture. Dhiira torbaa fi intala sadihi qaba. Qabeenni isaa hoolota kuma torba, gaallan kuma sadihi, qotilee morma dhibba shanii fi harriin dhaltuu dhibba shan qaba; hojjattoota baay'ee qaba; namni kun namoota gara baya biiftu'uu jiran caalaa nama dureessa guddaa ture. Ijoolleen isaa ta dhiiraa kore kore'een deema'aa mana obboleeyyan ufii dhaqa'aa nyaata'aa dhuga'aa turan. Obboleeyyan intalaa sadiinillee akka isaan woliin deema'aa nyaata'aa dhugan nama erga'aa isaan waamsisa'aa turan. Guyyoonni affeerra'aa haga lufaniin maayessa «maal laataa Iyyoob ijoolleen tiyya Rabbiin yakkanii, garaa ufii keessattillee arrabsinnuunii» jedhee nama erga'aa isaan woyyoomsa'aa ture; Iyyoob ganamaan ka'ee akkuma laakkobsa isaaniitiin ciincaa gubamu dhiyeesse; Iyyoob hennaa maraa akkasuma godha. Gaaf tokko akkana ta'e, Maleekkonni Rabbii afoo Rabbii dhaabachu'uuf dhufan. Seexannillee dhufee jidduu isaanii dhaabate. Rabbillee Seexanaan «garamii dhufte?» jedheen. Seexannillee «ardii maraa keessa asii fi achi naannayee isii keessa deddeeme» jedhee Rabbii deebise. Rabbi Seexanaan «Garbichuma kiyya Iyyoobiin argitee? lafa irra namni akka isaa qajeela'aa fi mudaa irraa fagaate fayyaalessi Rabbiin sodaatu ka hamaa irraa fagaate hin jiru.» jedheen. Seexannillee Rabbiin akkana jedhe, «Dhugamaan Iyyoob wonti Rabbiin sodaatuuf akkanumaanii? Isaa fi mana isaa, waan naannoo isaa jiru maraa Ati hin dalloofneefii? hujii harka isaa eebbifteertaaf; horiinillee lafa irratti baay'ateeraaf. Garuu harka kee diriirsitee waan inni qabu maraa uduu jalaa balleessitee; dhugamaan inni addaatama si arrabsa» jedhee deebiseef. Rabbi Seexanaan, «Kunoo wonti inni qabu maruu harka kee keessa jira; isa garuu qubaanuu hin tuqin» jedheen. Kanaan maayessa Seexannillee Rabbiin afo'oo bayee deeme. Gaaf tokko akkana ta'e, ijoolleen Iyyoobii ta dhiiraatii fi ta intalaa mana obboleessa ufii ka hangafaatitti nyaata'aa, daadhii woyini'iillee dhuga'aa turan. Guyyama san ergamaan tokko gara Iyyoobii dhufee akkana jedheen; «sangoota qambarree qota'aa turre; harriinillee raasaa nu ladda jiru dheeda'aa turan. Namoonni Saaba'aa dhufanii balaa buusanii waan maraa saamanii fudhatan; garboota tee maraa guraade'een fixan; ana calla'atu dheessee waan ta'e sitti himu'uuf dhufe» Uduma inni kana hima'aaru ka biraa dhufee akkana jedheen «ibiddi Rabbii samii irraa bu'ee hoolotaa fi worra tisse'eellee gubee fixe, ani callaan waan hafeef kana sitti himu'uuf dhufe.» Uduu inni dubbatee hin findhe ergamaan biraa dhufee, «Kalaadaawoonni bakka sadihitti qoodamanii gaallan irratti balaa buusanii fudhatan; daa'immanillee guraadee qarameen ajjeesan; anuma calla'atu jalaa bayee kana sitti himu'uuf dhufe» jedheen. Uduma inni dubbata'aaru ammallee ergamaan biraa dhufee, «Ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa mana obboleessa isaanii ka hangafaatitti nyaata'aa, daadhii woyini'iillee dhuga'aa turan; dimmaa bubbeen lafa gammoojji'iitii dhufee roga arfan manaa dhayee; ijoollee irratti jige, isaanillee hin du'an; ana calla'atu jalaa dheessee bayee kana sitti himu'uuf dhufe.» jedheen. Waan kanniin amaraan maayessa Iyyoob gadda'aa lafaa ka'ee woyaa uffateeru tarsaase; mataa ufii hin haadate; lafatti kufee sagadee akkana jedhe, «qullaa garaa haadha tiyyaa keessaa bayeera; qullama gara biyye'ee deebi'a; Rabbi naa kenne; Rabbi hin fudhate maqaan Rabbii haa eebbifamu!» jedhe. Waan kana maraan Iyyoob Rabbiin hin yakkine; Rabbitti dubbii hamaa hin dubbanne. Gaaf biraallee maleekkonni Rabbiin afoo dhaabachu'uuf dhufan; Seexannillee isaan woliin Rabbiin afoo dhaabachu'uuf dhufe. Rabbi Seexanaan «garamii dhufta?» jedheen; Seexannillee «ardii irra naannayee isii keessa asii fi achi deddeeme» jedhee Rabbii deebise. Rabbi Seexanaan «Garbicha kiyya Iyyoobima argitee? lafa irra namni akka isaa qajeelaanii fi ka mudaa hin qabne, ka Rabbiin sodaatu, ka hamaa irraa fagaate hin jiru; isa akka balleessitu maarre akka sii jedhuuf duwwama na kakkaafte kunoo Iyyoob haga adhaa mudaa malee jiraata'aara» jedheen. Seexannillee deebisee Rabbiin «Akkuma gogaan goga'aaf » jedhamu «namni lubbuu ufii oolfachu'uuf jedhee waan qabu maraa kenna. Garuu mee harka kee diriirsii foonii fi lafee isaa dhayi dhugamaan addaatama si arrabsa!» jedheen. Rabbillee Seexanaan «lubbuu isaa hin tuqin malee kunoo inni si harka jira» jedheen. Kanaan maayessa Seexannillee Rabbiin afo'oo deemee Iyyoobiin qeensa miila isaatii jalqabee haga rifeensa mata'aa madaa hama'aan dhaye. Sababaa kanaaf Iyyoob gadhii fuudhee mada'aan hooqata'aa daaraa irra taa'e. Haati manaa isaa «Ati haga ammallee amanamummaa kee hin dhiifnee? Rabbiin ganii du'i» jetteen. Inni garuu, «ati akka dubbartoota yartu'uutitti dubbatte; harka Rabbiitii waan mishaa fudhanneerra; waan badaa qofa hin fudhannuu?» is'iin jedhe. Waan kanniin maraan Iyyoob Rabbiin hin yakkine. Goshoonni Iyyoobii sadiinuu waan isa irra gaye kana maraa dhagayanii biyya ufiitii dhufan; isaanillee Eelfaazii biyya Teemaanii, Baldaadoosii biyya Shuha'aa, Soofaarii biyya Naa'ima'aa fa'a turan. Isaanillee isaa gaddu'uu fi jajjabeessu'uuf tokkumma'aan gara isaa dhufu'uuf wolii galan. Fagoo dhaabatanii hennaa laalan isaan isa ta'uu hin beenne; haga akka isa ta'e hubatan iyya'aa booyan; marti isaaniituu woyaa uffataniiran uf irraa mulqanii bibbiinxan; mataa ufii irrattillee daaraa firfirsan. Guyyaa torbaa fi halkan torbaa isa woliin lafa irra taa'an; dhukkubbiin guddisee waan itti jabaateeruuf isaan keessaa namni tokkollee isatti womaa hin dubbanne. Kanaan maayessa Iyyoob afaan banatee guyyaa itti dhalate abaare. Iyyoob deebi'ee akkana jedhe. «Guyyaan itti dhaladhe sun haa badu! halkan ilmi dhiiraa gadaamessa keessa taa'e jedhame sun; Guyyaan sun dukkana haa ta'u; Rabbi olii isa hin laalin, Ifnillee isa irratti hin ifin. Dukkanniinii fi gaaddidduun du'aa qabeenna ufii haa godhatuu. duumessi isa irra haa ta'u; dukkanni guyya'aa maruu isa haa sodaachisu. Halkan san dukkanni haa qabu; guyyoota wogga'aa keessatti hin laakkayamin; ji'oota keessatti hin yaadatamin. Halkan sun dhabaa haa ta'u; ililtaan isa keessatti hin dhagayamin. Worri guyyaa abaaran; worri Leewaataaniin kaasu'uuf qophaayanillee halkan san haa abaaran. Bakkalchan halkan san bayan haa dukkanaayan; ifa eeggatu haa dhabuu; biiftuun ganamaa isa irratti hin bayin. Balbala gadaamessa haadha tiyyaa waan na irratti hin cufneef, rakkinna kiyyallee na afo'oo waan hin dhossineef. «Maal uduu hennaa dhaladhu san badee! maal uduu akkuma gara'aa bu'een du'ee! Gudeenni haadha tiyyaa, harmi ani hodhe maaf argaman? silaa ani nagayaan ciisa; rafee hara baafadha ture. Mootota lafaa ka waan diiggamee mudhatu deebisanii ufiif ijaaratanii fi gorsitoota woliin, Yookaan worra mana ufii qarshi'iin guutan ajajoota worqii qaban woliin silaa hara baafadha ture. Yookaan maal uduu akka rimaya garaa keessatti du'ee; maal uduu akka daa'ima ifa hin arginee ta'ee jiraadhee? yoo san silaa worri hammeeyyiin gooluu dhiisan; hennaa san worri dadhabanillee achitti hara baafatan. Worri booji'amellee nagaya argatan; laagaa aari'ii ka worra isaan hujjisiisanii dhagayuu jalaa bilisa ta'an. Namoonni didiqqaanii fi gugurdaan tokkumma'aan argaman; garboonni gooftota ufii jalaa bilisa bayan. «Worra dhiphinna keessa jiraniif ifa; worri jireenni isaanii gaddaa fi hadha'aan guuttame maaf lubbu'uun jiraatan? Worra du'a hawwaniif, worra qabeenna dhokate caalaa barbaadanii hin arganneef maaf jireenni kennama? Worra hennaa gara awwaalaa deeman gammachuun isaanitti dhagayamuu, maaf jireenni kennamaaf? Nama karaan jalaa dhokateef Nama Rabbi kaloo itti kalee maaf jireenni kennamaaf? Booyichi dhiyana naa ta'e, woyachuun kiyyallee akkuma bisaaniititti dhangala'a. Wonti ani sodaadhe na irra gaye, wonti na naasisullee natti dhufeera. keessi kiyya waan na raafameeruuf, nagaya, tasgabbi'ii fi hara baafata hin qabu.» Eelfaaziin biyya Teemaanii deebisee akkana jedhe. «Iyyoob! namni tokko uduu uggee si woliin qaaqee obsaan caqaftaafii? ta'ullee eentu sitti dubbachuu dhiisa ree? Ati dur namoota baay'ee akka barsiisa'aa turte qaabadhu; harka dadhabe qabdee jabeessa'aa turte. Dubbiin kee worra gufatanii gatantaran ol qaba'aa ture worra jilbi isaanii hollatellee jabeessa'aa turte. Amma garuu rakkoon waan sitti dhufeef obsa dhabdeerta, waan rakkoon sitti jabaateef abdii kutatteerta. Waaqa kee sodaatu'uun jajjabaachuun, karaan qajeellumma'aa abdii keetii mii? Yabo'ootii mee yaadi; namni qulqulluu ta'ee bade eennu? namni garaan isaa qajeelaa ta'ee bade eennu? Ani akka argetti worri cubbuu qotan, worri rakkoo facaasan, woma kana haamatan. Isaan Hafuura Rabbiitiin badan Aarii lola isaatiin badan. Leenci hin aada, leenci sodaachisaan hin gururi'a, ta'ullee ilkaan leenca darmi'ii caccabeera. Leenci jabaan waan dhadhoolee nyaatu yoo dhabe hin du'a; Ilmooleen isi'iillee hin bittinnaayan. Ani dhossa'aan dhaamsa dhagaye; Gurri kiyyallee hasaassii isaa dhagaye. Eebjuu halkaniitiin hennaa yaanni namatti dhufu; Hirribni ulfaataanillee hennaa namatti bu'u; Soda'aa fi naasuun na qabee; lafee tiyya maraa akka hollatan godhe. Hafuurri na afoo lufe; sababaa naasu'uutiif rifeensi nafa kiyyaa kakka'e. Inni ammumaa dhaabata'aara, bifa isaa garuu adda baasuu dadhabe; wonti woyii ija kiyya afoo ture; hulee laagaan hin dhagayamnee laagaa akkana jedhu dhagaye, ‹Dhugama ilmi namaa Rabbiin afo'otti qajeelaa ta'u'uuf yookaan namni uumaa ufii afo'otti qulqullaayuu danda'aa? Rabbi garboota ufii yoo ka hin abdanne ta'e; maleekkonnillee dogoggora ufiitiin yoo ka masifataman ta'e Eeganaa worri mana dhoqqe'ee keessa jiraatan; worri hundeen isaanii biyyee irra ta'e, worri uduu xiinxanaan hin nyaanne shaman maal haa ta'an? Jidduu ganamaa fi galgalaatitti hin bututan; Uduu eennullee hin qaabanne baraa haga bara baraa badan. Akka daasee haanni isaa buqqa'eetitti, ogummaa malee du'an.› « Iyyoob! mee waami ka si jalaa awwaatu jiraa? qulqulloota keessaa gara eennuu dhaxxa? Nama gowwaa aari'itu ajjeesa; ceem'aalessa hinaaffa'atu balleessa; Namni gowwaan ka uf ijaaree jiraatu arge; garuu dimmaa lola Rabbiitiin manni isaa abaarame. Ijoolleen waan wobiin isaan irraa fagaateef bakka murti'iititti miidhaan isaan irra gaye; worra isaan oolchu waan hin qabneef. Waan inni wolitti qabate beelaya'atu nyaata; kama qoree keessatti biqilellee isaa hin dhiisan; worri dheebotan qabeenna isaa fudhachu'uuf hawwan. Rakkinni biyyee keessaa hin dhufu; gideenillee lafaa hin biqilu. Namni akkuma qaanqee ibiddaa qilleensa keessa naannayu'uuf rakkinnaaf dhalate. Ani garuu uduu si ta'ee Rabbiin kadhadha ture; waan kiyyallee Rabbitti dhiyeeffadha ture. Inni waan guddaa hin qoratamnee fi maalalee hin laakkayamne godha. Lafa irratti rooba roobsa lafa qonnaallee bisaaniin jiisa. Worra salphatan ulfinnaan ol isaan qaba worra gaddan gara hulee amansiisutti isaan baasa. Hujiin isaanii akka isaanii hin qajeelle yaada dhartootaa duwwaa godha. Ogeeyyii ogummaa isaanii ka dharaatiin isaan qaba; gorsa hammeeyyi'iillee dafee balleessa. Guyya'aan isaanitti dukkanaaya; guyyaa adi'iin akka waan halkaniititti rifatan. Hiyyeeyyii hunna guraadee diina isaanii jalaa isaan oolcha. Hiyyeeyyi'ii abdii kenna; hammeenna garuu lafa irraa balleessa. Namni Rabbi adabu eebbifama'a! kanaafuu lola Waaqa kee ka maraa danda'uu hin tuffatin. Inni hin cabsa; deebisee yaala; nama madeessa; harki isaa nama fayyisa. Balaa jahan keessaa si hambisa; torbeessoo keessattillee hamaan woyiituu si irra hin gawu. Hennaa beelaa du'a jalaa, lola keessatti guraadee jalaa si hambisa. Arraba hamaa jalaa si dhossa; Badiinillee yoo dhufe hin sodaattu. Badi'ii fi beela irratti hin kolfita; busaayaa lafa gammoojji'ii hin sodaattu Lafa qotattu irratti dhagaan si hin rakkisu, busaayaa lafa gammoojji'iitiinillee wolii galta. Daasee kee keessa akka nageenni baay'ate hin beetta. moonaa kee hin tooyatta wonti tokkollee si jalaa hin dhidhatu. Fiixaan kee akka guddaa ta'u, Dhalli keellee akka marga lafaatitti akka baay'atu hin beetta. Akkuma qamadiin haga haamamuuf maasaa keessa turu, atillee jaarrumaan woggaa dheeraa lafa irra jiraatta. Nu'u waan kana maraa qorannee akka dhugaa ta'e argineerra. Atillee hubadhuu hujii irra oolchi.» Kanaan maayessa Iyyoob deebisee akkana jedhe, «Maal gaddi kiyya uduu madaalamee jiraatee! maal uduu rakkoon kiyya maruu laallamee jiraatee! silaa xindhacha galaanaa caalaa ulfaata ture; kanaaf dubbiin kiyya ka aari'ii si maalalchiisuu hin qabu. Waandhi waa mara danda'u buundheewwan ufiitiin na woraaneera. hadhaan sun hafuura kiyya keessaa baya; balaan Rabbii ka nama naasisu na marseera. Dhugamaan Harreen diidaa uduu margi jiru hin iyyaa? yookaan sangaan uduu buraa qabu hin baroodaa? Nyaanni hin mi'oofne sooqidda malee hin nyaattamaa? yookaan bisaan kalle'ee adiin hin mi'aayaa? Nyaata akkanaa kana tuquu hin jibba; yoo nyaadhellee fayyaa na dhoogga. «Maal uduu kadhaan kiyya naa dhagayamee! Maal Rabbillee uduu hawwii kiyya naa kennee! Kana maraa irra fedha isaa ta'ee uduu na caccabsee! Harka ufiillee diriirsee uduu na balleessee! kun silaa anaaf jajjabeenna kenna. Ani yoomiinuu dubbii woyyichaa waan hin waakkanneef, yoo hagamillee dhibeen natti baay'ate, gammachu'uun utaala ture. Ani ammaa achi abdii maal qaba? obsaan eeggachu'uuf humna eessaa fida? Ani humna akka dhaga'aa qabaa? nafni kiyya akka sibiila diima'aa hin jabaataa? Uf gargaaru'uuf humna hin qabu, Humni ani qabu maruu na irraa fudhatameera. «Namni amanamummaa goshoo ufiitiif qabu balleessu, nama sodaa Rabbii dhiise. Obboleeyyan tiyya garuu hin amanaman; isaan akka lolaa lola'ee goguutii fi akka laggiin hin amansiifneeti. Isaan akka laga qorri irratti bu'ee booreessuu, akka baradaa baqeen ol tuulamuuti. Ji'oota bonaa garuu hin gogan. Laggiinillee goganii duwwaa ta'an. Daldaltoonni horii fe'a'aa oofanii karaa san irra lufan, bisaan barbaadu'uuf gammoojjii keessa badan. Daldaltoonni Teemaa bisaan barbaadan; Imaltuun Saaba'aallee isaan abdatan. Abdii isaan godhatan garuu hin saalfatan, hennaa achi gayan hin qaanayan. Amma isinillee anaaf akkasuma taataniirtan; rakkoo kiyya laaltanii sodaattan. Ani amma «waan tokko naa fidaa'a, yookaan durummaa keessan irraa liqaa naa kaffalaa'a, yookaan harka diina kiyyaatii na buusaa'a; yookaan harka diinaatii na furaa'a» isiniin jedhee? «Isin na barsiisaa'a ani hin cadhisaa; waan dogoggorellee natti himaa'a. Dubbiin qajeellumma'aa akkam jabaata! yakka na irra barbaaduun keessan bu'aa maal qaba? Isin dubbii ani dubbadheef na teedeffachuu barbaaddanii? Dubbii nama abdii hin qabnee akka qilleensaatitti laakkoftanii ree? Worra abbaan irra hin jirre garboonfachuu barbaaddan; fira keessaniillee boolla qottan. Amma yabo'oo gara kiyya laalaa'a; isin afo'otti soba hin dubbadhu. yakka akka hin taane yabo'oo deebi'aa'a. karaa irraa hin badinaa'a ani ammumaa dhugaa qabaa as deebi'aa'a. Arrabni kiyya daba dubbateeraa? afaan kiyya dubbii ta'uu fi dubbii hin taane gara gara baasuu hin danda'uu? «Jireenni namaa lafa irratti guddisee ulfaata'aa mii? Barri isaallee akka nama guyya'aan qaxaramee hojjatuutii mii? Isaan akka hojjattoota mindaa ufii argachu'uuf gaaddisa jala taa'anii eeggataniiti. Akkasuma ji'oonni kiyya ji'oota gatii hin qabne ta'an; Halkanillee halkan rakkinnaa naa ta'e. Hennaa rafe yoomuma ka'a? jedhee yaada, halkanillee natti dheerata; haga bari'utti asii fi achi gara gaggala; nafti kiyya shamee raammayeera; foon kiyya qonyonyaaniin uwwifameera; gogaan kiyya babbaqaqee mala'a. Barri kiyya akka maraa jirbii worra woyaa dhawuu caalaa ariifata; abdii tokko malee dhumata. Waandhana! lubbuun tiyya hafuura kiyya caalaa gabaabduu akka taate yaadi; ijji tiyya ammaa achi waan mishaa hin argitu. Namni amma na argu ammaa achi deebi'ee na hin argu; na soxxa garuu na hin argitu. Akkuma duumessi bittinnaayee badu, akkasuma namni du'ee worra du'etti eda'ame deebi'ee hin dhufu. Gara mana ufiillee hin deebi'u, worri isa beekan maruu isa wollaalan. Kanaafuu afaan kiyya hin cadhisu; hafuuraan dhiphadhee dubbadha; mararamuu lubbuu tiyyaatiin gaddaan gunguma. Kana mara wonti eedduu natti gooteef, ani galaana moo bineensa guddaa galaana keessaati? Ana siree kiyyatu na jajjabeessa; ‹sireen kiyya gungummii gadda kiyyaa naa salphisa› yoo jedhu, Ati garuu eebju'uun na sodaachifta; na suursu'uun na naasifta. Jireenna akkanaa jiraachuu irraa uf hudhee du'uu filadha. Jireenna kiyya hin tuffadhe, bara baraan jiraachuu hin feene. Barri jireenna kiyyaa gabaabaa waan ta'eef na dhiisi. «Ati akka gudda'atti isa laalu'uuf, yaada keellee irra kaayu'uuf namni maali'i? Ganama ganama isa qoru'uuf, hennaa maraa isa ataabu'uuf namni maali'i? Haga yoomii gad na dhiisuu didda? haga yoomii hancufa gad liqimsuu na dhooggita? Ati Waaqa nama eeddu, ani yoo cubbuu hojjadhee si maal godha? waan maali'iitiif anatti xiyyeeffatte? maal irrattillee ba'aa sitti ta'e? Maaf balleessaa kiyya naa hin dhiifne? Maaf cubbuu kiyyallee na irraa balleessuu didde? Ani amma waan du'aaf dhiyaadheef ammaa achi na barbaaddullee na hin argitu.» Baldaadoos namni biyya Shuha'aa akkana jedhee deebise, «Haga yoomii waan kana dubbatta? haga yoomii dubbiin afaan keetiillee akka qilleensa haboonbolatti'ii ta'a? Dhugamaan Rabbi murtii dabsaa? Waandhi maraa danda'u qajeellummaa dabsaa? Ijoolleen tee yoo ka Rabbiin yakkaniiranii, inni yakka isaaniitiif isaan adaba. Uduu gara Rabbii deebitee, Waaqa maraa danda'u uduu kadhattee, Qulqullu'uu fi qajeelaa uduu taatee, inni daddafee hulee sirri'iititti si deebisa. Jalqabni kee diqqaa yoo ta'ellee dhumni kee baay'ee guddaa ta'a. Isaan worra si barsiisuu fi worra sitti himu; isaan worra waan hubatan garaa ufii keessaa baasanii sitti himanii mii? Dhallaadduun hulee caffaa hin taanetti hin biqilaa? yookaan beeleen bakka bisaan hin jirretti hin lalisaa? Yoo kana hin taane uduu gayee hin muramne, biqiltuu kaawwan dura goga. Dhumti worra Rabbiin irraanfataniillee akkasuma, abdiin nama Rabbiin irraanfatuullee hin bada. Abdiin isaa hin cita; amantiin isaallee akka mana daarabaaftu'uu ta'a. Inni mana daarabaaftu'uu sanitti hin irkata; manni sun garuu hin dhaabatuuf; hin qabata, harkatti cita. «Inni aduu keessatti akka biqiltuu bisaan dhugee lalisuuti haafni isaallee dhaaba isaa irra yaa'a. Hiddi isaa dhagaa tuulame irratti marama; dhaga'atti maxxana. Yoo namni hule'ee buqqise, huleen isaa hin beekkamu. Kunoo gammachuun jireenna isaa akkana; ka biraallee lafa irraa marga. «Rabbi garuu nama amanaaa hin gatu; harka worra cubbamtootaa hin jabeessu. Kanaafuu afaan kee deebi'ee kolfaan guuta; Akka ililfattu si taasisa. Worri si jibban salphinna uffatan; daaseen cubbamtootaallee hin bada.» Iyyoobillee akkana jedhe deebise, «Dhugamaan akka akkana ta'e ani hin beeka. garuu namni Rabbiin afo'otti akkamitti qajeelaa ta'a? Namni uduu isaan wol mormuu barbaadee, waan kumaa keessaa tokkottimallee deebisuu hin danda'u. Ogummaan Rabbii gad fago'o; Inni ka baallii qabu; hunni isaa guddisee jaba'a; eentu Isaan mormee nagayaan jiraate? Uduu isaan quba hin qabaatin gaarran raasa; lola ufiitiinillee gara isaan gaggalcha. Ardiillee hulee isi'iitii isii raasa; utubaawwan isi'iillee hin sosochoosa. Aduu akka hin baane dhoogguu danda'a; urjiiwwanillee akka hin ifne taasisa. Samiiwwan hojja ufii diriirsa; Dambalii galaanaa irra deema. Urjiiwwan bineensa «Doobbaa» jedhaman fakkaatu, Urjiiwwan «Ooriyoon» jedhaman torban; akkasuma tuuta urjiiwwanii ka gara kibbaatiin jiran ka Samii irra kaaye Rabbi. Waan gugurdaa hin qoratamne, waan maalale'ee ka hin laakkayamnellee hin godha. Uduu Rabbi ladda kiyya lufee hin arguun, uduu gara kiyya dhiyaatelle'ee adda baasee isa hin beeku. Uduu waan barbaade fudhatee eentu isa dhoogga? eentu uggee ‹kana maaf goota?› jedhee isa gaafata. Rabbi lola ufii irraa duubatti hin deebi'u; worri isaa gaditti Ra'aabiin gargaaranuu Isaa sagadan. Sirimaa isaa deebisu'uuf; dubbii kiyyallee isa afo'otti filachu'uuf ani eennu? Ani uduu qulqulluu ta'ee argamelle'ee; Waandhi murteessu akka naa dhiisu kadhadha malee deebii isaa kennuu hin uggu. Maqaa isaa waamee yoma deebiillee naa kennee iyyata kiyya naa dhagaya jedhee hin amanuun. Qilleensa haboonbolatti'iitiin na cabsa; Sababaa malee madaa kiyya baay'eessa. Akka hafuura baafadhu na hin dhiisu; Garuu waan hadhaayaa na quubseera. Hunna yoo ta'e inni hunna caalu qaba; mormadhee gara mana murti'ii isa dhiyeessa yoo jedhe, eentu isa naa dhiyeessa? Ani nama qulqullu'uu fi nama dhuga'aati; garuu qaandhi kiyya yakkamaa na taasisa. Ani hagamillee yoo qulqulluu ta'e waan kiyya hin yaadu; jireenna kiyyallee hin jibba. Wonti kun maruu tokko; kanaafuu qulqullootaa fi hammeeyyii hin balleessa jedha. Namni hennaa bala'aan dhayamu, inni rakkoo nama qulqullu'uu asheessa. Hennaa biyyi harka hammeeyyi'iititti kennamtu, Inni ija worra murtii kennuu hin jaamsa. ka waan kana godhe yoo Rabbiin hin taanee inni eennu ree? «Barri kiyya nama fiigu caalaa ariifata; uduu gammachuu hin argine lufan. Akka markaba dhallaadduu irraa hojjatamee caalaa ariifata. akka bajjaa waa butuutitti fiiga. Ani gungummii kiyya guddaa hin irraanfadha; fuula kiyya gurraacheessuu dhiisee yoo fuula ifa jedhe; Akka qulqulluu na hin goone waan beekuuf, rakkoo kiyya maraa hin sodaadha. Ani eega akka nama yakkama'aatitti laallame; maaf akkanumaan dadhaba ree? Qaama kiyya uduu saamuna'aan dhiqadhee, harka kiyyallee uduu guddisee qulqulleessee, Ati xiillaa jala na liccisiifta. uffannummaan kiyyaa na ceem'a. Isa woliin gara murti'ii dhiyaannee deebii isaa kennu'uuf; inni akka kiyya namaa miti. Maal ta'a uduu abbaan murti'ii ka nu lamaaniifuu murteessu uduu nu jiddu'utti argamee! Rabbi ulee ufii na irraa haa kaasu; gaachenni isaallee na hin sodaachisin. Ani akka namoonni na yaadan waan hin taaneef, Isa uduu hin sodaatin itti dubbadha ture. «Ani jireenna kiyya guddisee jibbe; uf gad dhiisee gadda kiyya himadha; lubbuu tiyyaan mararamee dubbadha. Ani Rabbiin akkana jedha; «maaf akka na komatte natti himi malee natti hin murteessin; Karoora worra hammeeyyi'ii gammachu'uun fudhattee ana garuu yoo na rakkiftu, ana hujii harka keetii yoo salphiftu, si gammachiisaa? Ijji kee akka ija namaatitti laalaa? akkuma namni du'u laalutti laalaa? mo'o akka namni laalutti laalta? Mo'o barri kee akka bara nama du'uutii? mo'o woggoonni kee akka woggoota namaatii? wonti yakka kiyya laaltuuf, cubbuu kiyya faanaallee wonti deemtuuf maali'i? Kanaa ol ani yakkamaa akka hin taane, namni si harkaa nama hambisu akka hin jirre atuu hin beetta. «Harka kee sukkuumee na hojjate; amma garuu deebitee na balleessuu barbaadde. Akka meeshaa faaraatitti biyyee irraa akka na hojjatte yaadadhu; eeganaa deebitee gara biyye'ee na deebisu'uufii? Dhugamaan ati akka aannaniititti na hin jissinee? Akka itittu'uutittillee na hin itichinee? Goga'aa fi foon natti uwwifte; Lafe'ee fi ribu'uun na jabeessite. Jireennaa fi jaalala bara baraa naa kennite; eeggumsa keetiin hafuura kiyya jiraachifte. waan kanniinillee onnee kee keessatti dhossite. kun maruu yaada kee keessa akka jiru hin beeke. Yoo cubbuu hojjadhe ati na argita; cubbuu kiyya adabdu malee hin dhiiftu. Yoo cubbuu hojjadhe, yoma san rakkinna irratti kufa; yoo waan mishaallee hojjadhe galata hin argadhu; miidhamee, salphinni na irra gaye. Ani boonee yoo uf jaje, ati akka leencaatitti dhadhooltee na qabda. waan kana na miidhu'uuf deddeebitee goota. Worra na irratti ragaa bayan natti ergita; lola keellee natti jabeeffatta; ana balleessu'uuf hennaa maraa karoora haarawa akka loltootaatitti na irratti hiriirsita. «Maaf gadaamessa keessaa na baafte? uduu eennullee na hin argine maal uduu du'ee! Uduu hin jiraanne ta'ee; uduu akkuma gadaamessa keessaa bu'een gara awwaalaatitti uduu bu'uu silaa akkas naa woyya ture. Barri jireenna kiyyaa gabaaba'aa mii? kanaafuu akka jajjabeenna diqqoo akka argadhuuf na dhiisii na irraa deebi'i. Gara hulee hin deebinee, gara ardii dukkanaatii fi gaaddisa du'aa, Gara hulee akka daasee dukkanoofteetitti; gara hulee gaaddisa du'aa ka seera hin qabnee, gara ardii ifni isi'ii dukkana ta'ee uduu hin deemne; akka diqqoo jajjabaadhu na dhiisi; gad na dhiisille'e. Soofaar namni biyya Naa'ima'aa akkana jedhee deebise, «Dhugamaan baay'inna dubbi'iitiif deebii kennuun hin barbaachisuu? mo'o namni tokko kana mara dubbate'eef sirrii ta'a? qaandhi kee duwwaan namoota hin cadhisiisaa? yoo baldite ka si saalfachiisu hin jiruu? Ati yaada keetiin ‹ani sirri'i› ufiin jetta. Rabbiinillee ‹ani si afo'otti qulqullu'u› jetta. maal Rabbi uduu sitti dubbatee deebii sirri'ii sii deebisee! Dhossaa ogummaa ufiillee uduu sii ibsee! hubannaan isaa guddaa waan ta'eef adabbii siif ta'u keessaa akka dhidhisee sii kaffalu beeki. «Dhossaa Rabbii ka gad fago'oo qorattee beekuu dandeettaa? mo'o Waaqa kee ka maraa danda'u qorattee bira gawuu dandeetta? Guddinni isaa Samii caalaa ol fagaataa, ati maal godhuu dandeetta? gad fageenni isaa asaaba caalaa gad fagaataa, kanaafuu ati maal beekuu dandeetta? Guddinni isaa lafa caalaa dheerata; galaana caalaa badhata. Rabbi uduu dhufee hidhee, Gara yaa'ii murti'ii uduu fidee, eentu isa dhoogga? Rabbi namoota faayidaa hin qabne waan beekuuf; hennaa yakka argu cadhisee hin laalu. Gowwaan ogeessa ta'uu irra, harreen diidaa nama ta'ee dhalachu'utu salpha'a. «Ta'ullee uduu onnee tee qajeeltuu gootee; harka kee diriirsitee Rabbiin uduu kadhattee; Cubbuu harka kee keessaa baaftee akka wonti hamaan mana kee keessatti hin argamne uduu gootee; Yoo san sodaa malee ol jettee waa maraa laalta; uduu hin saalfanne jabaattee dhaabatta. Rakkoo keellee hin irraanfatta; akka bisaan lufeetitti dagatta. Jireenni kee aduu guyya'aa caalaa ifa; dukkantillee akka ifa ganamaa taati. Abdii waan qabduuf boona'aa jiraatta; Rabbi waan si eeguuf sodaa malee hara baafattee jiraatta. Hin rafta, wonti si sodaachisu hin jiru; namoonni baay'een si afo'otti gaachena argachuu barbaadan. Ijji hammeeyyi'ii garuu hin jaamti; Karaan isaan dheessaniin maruu cufaa ta'a; dhumti isaanii du'uma» Iyyoobi akkana jedhee deebise; «Dhugama isin baay'ee qaro'o; hennaa duutan ogummaan waan isin woliin du'u isinitti fakkaata! Garuu anillee akkuma keessan hubannaa qaba. ani isinii gadii miti. waan akkanaa kana ka hin beenne eennu? Ani maqaa Rabbii waame, innillee naa deebise, amma garuu ani nama goshoonni itti baldan ta'eera, ani namni dogoggora hin qabne qajeelaan nama baldaa ta'eera. Nama rakkinni irra hin geenne biratti, rakkoo nama rakkata'aa tuffatuun salpha'a; isin garuu nama kufu'uuf gatantaru darbitan, Manniin worra saamtotaa nagayaan jiraata; worri Rabbiin tuttuqee aarsu, worri hunna ufii akka Waaqaatitti laaluu naasuu malee jiraatan. «Mee busaayaa gaafadhu si barsiisanii; allaattiiwwan sami'iillee gaafadhu sitti himanii. yookaan ardi'itti dubbadhu isiin si barsiiftii; qurxummiiwwan galaanaallee sitti himanii; Kanniin maraa keessaa akka harki Rabbii hojjate ka hin beenne eennu? Lubbuun uumama maraatii fi, hafuurri nama maraatuu harka Rabbii keessa jira. Akkuma arrabni midhaan dhandhamee beeku; gurrillee dubbii adda fooyaa mii? «Jaarruma keessa ogummaan, umurii dheerinna keessa hubannaan argama. Rabbi ogumma'aa fi hunna qaba. gorsinii fi hubannaanillee isa biraa argama. Waan Rabbi diige eennullee deebisee ijaaruu hin danda'u, waan Rabbi hidhe eennullee hiikuu hin danda'u. Rabbi yoo rooba dhoogge lafti hin goddi; yoo rooba roobse lolaan lafa irra gara gala. Hunninii fi ogummaan ka isaati; ka gowwoomuu fi ka gowwoomsullee baallii isaa jala jira. Inni worra nama gorsu ogummaa dhabsiisa, worra banii bulchu gowwoota taasisa. Inni mootota teessoo isaanii irraa isaan buusa; mudhii isaaniillee sabbataan hidha. Gadoota baallii irraa mulqee isaan ari'a; worra baallii qabanillee baallii irraa isaan buusa. Namoota amanaman hin cadhisiisa. jaarsotallee hubannaa dhooggata. Qondaaltota hin qaanessa. hunna jajjabootaallee hin balleessa. Waan dukkana keessatti dhokate ifa baasa, dukkana jaamaa ifatti jijjiira. Banii ol ol isaan qaba; isaan balleessalle'e. banii hin badhisa; hin bittinneessalle'e. Bulchoota adunya'aa jalaa hubannoo fudhata; gammoojjii karaa hin qabne keessatti isaan dhamaasa. Ifa dhabanii dukkana keessatti dhama'an; akka nama machaayee gatantaran. «Kunoo waan kana maraa ijji tiyya argiteerti; gurri kiyyallee dhagayee hubateera. Waan isin beettan anillee ima beeka; ani sirima isinii gadii miti. Garuu Waaqa waan maraa danda'u woliin dubbachuu barbaada, ani waan kiyyaa Rabbitti falmadha. Isin garuu worra sobaan guuttame; isin worra nama yaalu ka fayyisuu hin dandeenne. Uduu cadhiftanii jiraattanii, silaa kun ogummaa isiniif ta'a! «Ammallee mormii kiyya dhagayaa'a; falmii kiyya caqasaa'a. Maaf maqaa Rabbiitiin soba dubbattan? gowwoomsu'uun waan Rabbiin gammachiiftan seetanii? Isaaf daloo hojjattanii? Isaa falmitanii? Rabbi uduu isin qoratee, waan mishaa isin keessatti argaa? akkuma nama gowwoomsitan isallee waan gowwoomsitan isinitti fakkaataa? Dhossa'aan yoo daloo hojjattan, Rabbi isin teedeffata. Ulfinni isaa isin hin sodaachisuu? Gaachenni isaa isin hin naasisuu? Mammaanni keessan akka daara'aati; gatii hin qabu, mormiin keessan akka faaraatitti caccabee bututa. Mee cadhisaa'a, amma ani haa dubbadhuu; achiin maayessa wonti fedhe natti haa dhufuu. «Ani maaf foon kiyya ilkaan kiyyaan ciniinee lubbuu tiyya harka kiyyaan qabadhe ree? Kanaafuu uduu inni na ajjeesuu fedhelle'ee isa obsaan eeggadha, karaa kiyya irra dhaabadhee waan jiruu tiyyaa falmadha. Namni cubbamaan waan Rabbiin afoo dhiyaatuu hin dandeenneef, maal laataa ugguun kiyya kun fayyinnaaf sababaa naa ta'uu danda'a. Waan kiyya jabaadha'aa dhagayaa'a. ragaa kiyyallee gurra keessaniin caqasaa'a. Ani amma dubbii kiyyaa toora qabsiifadheera; akka dhugaa argadhullee hin beeka. Ka na himatu jiraa ree? yoo jiraate ani cadhiseetuma du'a. Gooftaa kiyya ani akka si afo'otti hin dhokanne; waan kanniin lamaan naa godhi. Irree kee ka adabbi'ii na irraa kaasi; gaachena keetiin na hin sodaachisin. «Waandhana! dura ati dubbadhu anillee sii deebisaa; yookaan ani hin dubbadhaa ati naa deebisi. Yakkinii fi cubbuun ani qabu ka hagam gayu? balleessaa kiyyaa fi cubbuu kiyya natti himi. Wonti fuula kee na dhoffatteef; akka diinaatittillee wonti na laakkofteef maali'i? Akka baala bubbeen harcaaftuutii fi akka buraa gogeetitti maaf sodaachiftee na ariita? «Himannaan ati na irratti barreessite guddisee hadhaaya; cubbuu ani daa'imummaa irraa jalqabee hojjadhe naa hin dhiifne. Luka kiyya gudeelcha jiddu'utti hiiteerta, deemsa kiyya maraa hin tooyatta. faana luka kiyyaa hin qoratta. Sababaa kanaaf ani akka waan shamee ta'ee jiraadha; akka uffata xiinxanaan nyaateetitti bada. «Nama foon uffate umuriin isaa gabaaba'a; akkasuu ta'ee ka rakkoo calla'aan guuttame. Akka abaabo'oo ol bayee yoosuu harca'a; akka gaaddisaa uduu hin turin lufa. Nama akkanaa kana hordoftaa ree? murti'iif uf afoo dhiyeessitaa? Waan battii keessaa eentu waan qulqulluu baasuu danda'a? eennullee baasuu hin danda'u. Umuriin namaa daangeffama'a; ji'oonni inni jiraatullee si biratti laakkayameera, ka daangaa umurii ati kenniteef lufu hin jiru. Akkuma hojjataan guyya'aa hennaa hujii fixe gammadu, namni bara dadhabbii ufii akka gammadu obsiif. «Gufuun muka murameetuu abdii qaba; deebi'ee margee damee baasuu danda'a. Yoma hiddi isaa jaaree jirmi isaallee biyyee keessatti shame, jiidha bisaanii yoo argate hin marga; akka biqiltu'uutitti damee haarawa baasa. Namni garuu du'ee dhabama. haga du'een maayessa hoo eessatti argama? «Akkuma bisaan galaanaa aaree dhumatu, akkuma bisaan lagaallee gogu, Namnillee akkasuma du'aan maayessa hin deebi'u; haga samiin luftutti hin dammaqu, hirribaallee hin ka'u. «Maal ta'a uduu worra du'an keessatti na dhossite! haga lolli kee lufuuf uduu na milissitee! haaganaallee gootee uduu na yaadattee! Dhugama namni haga du'een maayessa deebi'ee jiraataa ta'uu danda'aa? haga jijjiiramni naa dhufutti; haga barri wondhaansa kiyyaa maruu dhumutti obsaan eeggadha. Hennaa san ati na waamta, anillee si jalaa awwaadha; ana uumama kee argu'uuf yaadda. Ati amma tarkaanfii kiyya maraa hordofta, ta'ullee cubbuu kiyya natti hin laakkoftu. Akkuma huura qalqalatti naqanii saamsanii gataniititti, cubbuu kiyya na irraa balleessita. «Gaarri yoo jige hin diiggama, dhagaanillee hule'ee gangalata. Akkuma bisaan dhagaa qotee fixu, akkuma roobni jabaan biyyee haree fixu. atillee akkasuma abdii nama dadhaba'aa balleessita. Hunni kee bara baraan isa irratti jabaata. fuula isaa hin jijjiirta, afoo keetiillee isa balleessita. Ijoolleen isaa yoo ulfinna argatan inni hin beeku; yoo salphatanillee hin argu. Garuu foon isaatitti dhukkubbii calla'atu dhagayama, Waan rakkoo ufii callaa booya» Eelfaaziin biyya Teema'aa akkana jedhee deebise, «Dhugama namni ogeessi, beekkumsa akka qilleensaa hin qabamneen naa deebisaa? garaa ufii keessatti yaada hamaa qabatuu barbaachisaa? Dubbii faayidaa hin qabnee fi haasaya bu'aa hin qabne irratti wol mormaa? Ati Rabbiin sodaachuu dhiifteerta; Waaqeffannaa Rabbiin barbaachisutti gufuu taateerta. Cubbamaa ta'uun kee dubbii keetiin beessisa; garuu dubbii qarumma'aatiin dhossuu barbaadda. Ka sitti murteessu arraba keeti malee anaa miti. dubbii afaan keetiititu sitti murteessa. «Ati nama dura dhalatee? mo'o uduu gaarran hin uumamne dhalatte? Ati gumii Rabbii woliin teettee kana dhageetteertaa? yookaan ogummaan sima calla'aa kennamee? wonti nu hin beenne ka ati beettu maali'i? wonti nu bira hin jirre ka ati hubattu maali'i? Worri umuri'iin abbee caalan, jaarsonni arri'ii nu woliin jiran. «Si jajjabeessuun Rabbii, yookaan suuta jedhee sitti himuun isaa sitti diqqaatee? maaf yaadaan shiftite? maaf aari'iin ija babaafta? Kana godhuu keetiin hafuura kee Rabbitti kakkaafteerta; jecha himanna'aa ka akkanaa kana mara haga dubbattu geetteerta. «Namni qulqulluu ta'uu danda'aa? namni qajeelaa ta'uu danda'aa? Rabbi maleekkotaa hin amanu; Samiiwwanuu isa afo'otti qulqullu'uu miti. Namni battaayaanii fi jibbisiisaan; ka cubbuu akka bisaaniititti dhugu hagam kanniin irra diqqa'a? «Na dhagayi addaataa sitti dubbadhaa; waan argellee sitti himaa; waan ogeeyyiin abboota ufii irraa fudhatan ka uduu hin dhossin dubbatan si hubachiisaa. Lafti isaanuma calla'aa kennamtee turte; ormi isaanitti hin galle. «Namni hamaan nama miidha'aa jiraatu; umurii ufii maraa uduu rakkatu jiraata. Laagaa naasisu gurra ufiitiin dhagaya; hennaa wonti maruu nagaya itti fakkaatutti wonti isa balleessu itti dhufa. Hireen isaa guraade'een du'uu waan ta'eef, abdii dukkana jalaa bayu'uu hin qabu. Akka nyaata allaatti'ii darbaniititti gatama; guyyaan dukkanaa ka inni itti badu akka dhiyaate hin beeka. Rakko'oo fi dhiphinni isa sodaachisa. akka mootii lolaan mooyatameetitti mooyataniin. «Wonti kun ta'eef waan harka ufii Rabbitti kaaseef, Waaqa waa maraa danda'u waan uggeef. Akki itti uggeenillee gurmuu ufii irratti wontee jaba'aa fi badhaa baatee, uf jaju'uun waan itti fiigeef. Fuulli isaa coomaan bobbokoke, mudhiin isaa coomaan furdate. «Namni kun qachoota diiggaman; ka manoonni keessa hin jiraannee fi manniin jigu'uuf ta'an keessa jiraata. Hin duroomu; qabeenni isaallee hennaa baay'ee hin turu; lafa irratti hin baay'atu. Inni dukkana jalaa dheessee hin bayu; akka muka damee isaa arrabni ibiddaa gosseetii fi akka daraaraa isaa ka qilleensi harcaasee ta'a. Inni waan duwwaa hedata'aa uf hin sobin waan akka kanaan nama gatii hin qabne ta'ee hafuuf. Uduu hennaan hin geenne akka muka jirmi isaa goguutii fi muka dameen isaa hin lalifnee ta'a. Akka biqiltuu woyini'ii ka uduu hin bilchaanne hurbuu harcaafateetii fi akka muka ejersaa ka daraaraa ufii harcaafatuu ta'a. «Namoonni Waaqummaa Rabbii waakkatan fiixaan isaanii hin dheeratu; manniin gabbarsu'uun ijaaraman ibiddaan gubatan. Namoonni akkanaa kunniin daba karoorsan; rakkinna uumatan; yaanni isaanii ka sobaan guuttame.» Iyyoob akkana jedhee deebise, «Dubbii akkanaa kana hennaa baay'ee dhagayeera; isin maruu jajjabeessitoota nama rakkisu, Dubbiin keessan duwwaan kun dhuma hin qabuu? wonti isin na woliin hagana akka logamtan isin taasise maali'i? Isin bakka kiyya taatanii; ani bakka keessan uduu ta'ee; tuffi'iin mataa raasa'aa waan isin amma natti dubbattan kana maraa silaa midhaassee isinitti dubbachuu danda'a ture. Anillee silaa dubbima afaan kiyyaatiin isin jajjabeessa; arraba kiyyaanillee dhukkubbii keessan hin salphisa ture. Garuu baay'ee dubbadhe'eefillee dhukkubbiin kiyya naa hin salphatu; cadhiseellee yoo obse rakkinni na irraa hin ka'u. Waandhana! nafa kiyya fayyaa dhooggite; maatii kiyya maraa na jalaa fixxe. Qonshooruun fuula kiyyaa ragaa natti ta'e; huqqinni kiyyallee natti ka'ee ati cubbama'a jedhee natti rage. Rabbi lolee nafa kiyya kukkute; jibbansaan ilkaan natti qarate. diinni kiyya ija natti babaase. Namoonni na marsanii natti baldan coora'aa dhabanaasa'aan na dhayan. Rabbi namoota hammeeyyi'itti dabarsee na kenne; harka worra dhibanii irratti na gate. Ani silaa nagayaan jiraadha; Rabbi garuu lola ufiitiin na caccabse. hudhee lafaan na dhaye; karoora ufii keessa na oolfate. Worri eboo qaban na marsan. uduu garaa hin laafne kalee kiyya kukkutan. hadhooftuu na jissan. Deddeebi'ee na madeesse; akka loltuu jaba'aatitti utaalee na irra baye. Gaddaaf uffata gaddaa hodhadhee uffadhe; daaraa keessatti gombifame. Booyichaan fuulli na diimate. Dukkanni jaamaanillee nyaara ijaa na cufe. Kun maruu ta'ee cubbuun ani hojjadhe hin jiru; garaa qulqullu'uun Rabbiin kadhadha. «Laftana! daba na irratti hojjatame hin dhossin! iyya waan haqaatiif gara kee iyyadhu akka dhokatee hafu hin godhin! Kunoo ka naa mormuu fi ka naa falmu Samii jira. Goshoonni tiyya ija tuffi'iitiin na laalan; ani garuu Rabbumatti booya. Akkuma namni firaa fi fira wolitti araarsu, namaa fi Rabbiinillee ka wolitti araasu uduu argamee! Dhumti umurii kiyyaa dhiyaateera; Gara hulee hin deebinee dhaqu'uuf baruma diqqo'otu na hafe. «Hafuurri kiyya dadhabeera, barri jireenna kiyyaa dhumatuu gayeera. Awwaallillee naa qophaayeera. Worri natti baldan na marsan; Ijji tiyyallee jibba isaanii arga'aarti. Waandhana! si caalaa namni naa dhaabatu waan hin jirreef, atinuu wobii naa ta'i. Isaan qoratanii hubachuu akka hin dandeenne sammuu isaanii cufteerta. kanaafuu akka mooyicha argatan isaan hin taasisin. Namni horii argachu'uuf jedhee goshoo ufii dabarsee kennu, hammeenni sun ijoollee isaa irra gaya. Rabbi akka baniin natti kolfu na taasise; akka nama namni fuulatti tufuu ta'e. Ijji tiyya sababaa gaddaatiin arguu dadhabde; nafni kiyyallee akka gaaddiddu'uu ta'e. Worri dhugaa dubbatan waan kana nayaniiran. qulqulloonni worra Rabbitti hin amannetti aaran. Qulqulloonni garuu karaa dhuga'aa irraa hin goran namni harki isaa qulqulluu ta'e hunna eda'ata'aa deema. Isin maruu uduu deebitanii gara kiyya dhuftanii na mormitanii, isin keessaa nama waa hubatu tokkollee hin argu. «Barri kiyya ka jireennaa dhumateera; yaanni kiyyaa fi karoorri kiyya duwwaa ta'ee hafe. Halkan gara guyya'aa jijjiirama. Ifnillee waan gara dukkanaa dhiyaate isaanitti fakkaata. Hireen ani ammaa achi qabu worra du'etti makamu'u, dukkana san keessatti afaa tiyya afadha. Awwaalaan ‹ati abbaa kiyya› jedhee waama; Raammoo na nyaataniinillee ‹isin haadha tiyya, obboleettii tiyyalle'e› isaaniin jedha. Kanaafuu ani abdii maal qaba? eentu abdii naa ta'a? Yoo ani gara ibidda asaabaa gad bu'u abdiin na woliin gad bu'aa? woliin gara awwaalaa gad buunaa?» Baldaadoos namni biyya shuha'aa akkana jedhee deebise; «Iyyoob! haga yoomii akkana dubbii guddifta? mee nu caqasi nullee hin dubbannaa. Ati maaf akka busaaya'aatitti nu laalta? maaf akka nama duudaa womaa hin beenneetitti nu laalta? Ati yoo loltellee uf miita malee lola keetiin ardiin duwwaa hin taatu. qarsaanillee hulee ufiitii hin socho'u. «Ibsaan nama cubbama'aa hin dhaama; ifni isaa deebi'ee hin mudhatu. Ifni daasee isaa keessa jirullee hin dhaama. ifni isaallee hin dukkanaaya. Tarkaanfiin nama jaba'aa dhiphata'aa deema; kaayoon hammeenna isaallee isa kuffifti. Deemsa ufiitiin siiboo keessa seena. lutti isaallee woshaadoo keessatti sakaallama. Siiboon koomee isaa qaba. woshaadoonillee jabeessee qabaan. Lafa irratti qolaan diriireeraaf; karaa isaa irratti woshaadoon qophaayeeraaf. «Naasuun naannoo isaa marseera; duubaanillee isa ari'a. Hunni isaa beelaan dadhabeera. badiin qophaayee isa eeggata. Dhukkubni nafa isaa fixa. duuti isa fudhatti. Mana abdatee keessa jiraatu keessaa ari'ama. gara du'a nama maraa fudhattuutitti fudhatama. Mana isaa keessatti womaa hin hafaniif, dhagaa bobawutu mana isaa keessa firfirfama. Akka muka hiddi isaa goguutii fi dameen isaa harca'uu ta'a. Lafa irratti namni isa qaabatu hin jiru. gurri isaa lafa irraa bada. Ifa keessaa gara dukkanaa ari'ama; jiraattota keessaa dhabama. Gosa ufii keessaa ka fiixaa isaa bakka bu'u hin argatu; manuma isaa keessattillee fiixaan hin hafuuf. Worri baya biiftu'uutii fi worri dhiya adu'uullee rakkoo isa irra gaye kana arganii nayanii hollatan. Dhumti worra hammeeyyi'ii hennaa maraa akkanuma; Hireen nama Rabbiin hin sodaanneellee kanuma.» Iyyoob akkana jedhee deebise; «Haga yoomii na rakkiftan? haga yoomii dubbi'iin hamilee kiyya cabsitan? Hennaa kudhan na arrabsitan; hennaa na salphiftan hin saalfattan. dhugamaan yoo dogoggoree jiraadhe; dogoggorri kiyya anuma miidha. Dhugamaan isin yoo uf natti jajjanii jiraattan; salphinna kiyya ijoo irratti wol mormitan godhattan. Garuu ka woshaadoo rakko'oo kana keessatti na gate Rabbiin akka ta'e akka beettan barbaada. Yoo miidhame jedheellee iyye; ka naa dhagayu hin arganne; laagaa ol qabadhee iyye'eefillee haqa hin arganne. Rabbi karaa kiyya maraa waan cufeef karaa lufuun hin qabu; karaa ani keessa deemu dukkanaan golge. Ulfinna na irraa mulqe; gulloo ulfinnaallee na irraa kaasee na salphise. Nafa kiyya karaa maraan tumee caccabsee na diige; abdii kiyyallee akka muka hiddaan buqqa'ee jiguu godhe. Rabbi lolee balaa natti buuse, akka diinaatittillee na laakkaye. Na balleessu'uuf loltoota ufii natti erge; isaan naannaya daasee kiyyaatitti kushee ijaaratanii na marsan. «Rabbi akka obboleeyyan tiyya na irraa fagaatan godhe; namni na beeku maruu orma natti ta'e. Firri kiyya na irraa fagaate; goshoonni kiyyallee na irraanfatan; Worri ani mana kiyyatti isaan keessummeesse marti na irraanfatan; garboonni tiyya ta intalaa maruu akka galtu'uutitti na laalan akka ormaatittillee na laakkayan. Garbichi kiyya yoo waamu na jalaa hin awwaatu; na gargaari jedhee yoo isa kadhadhellee tole naa hin jedhu. Haati manaa tiyya foolii kiyya jibbite. obboleeyyan tiyyallee na xireeffatte. Daa'immanumtillee na tuffatan; Yoo na arganillee natti baldan. Goshoonni kiyya ka natti dhiyaatanillee na xireeffatan; namoonni ani jaaladhu akka diinaatitti natti ka'an. Foon na irraa dhumee gogaan kiyya lafe'etti na maxxane; irga kiyya calla'atu hule'etti hafe. «Goshoota tiyya! harki Rabbii waan na dhayeef, yabo'oo isin naa gaddaa'a, garaa naa laafaa'a! Akka Rabbi itti na ari'etti isinillee maaf na ariitan? ka haga ammaa na rakkiftan isin hin gawuu? «Namni waan haga ammaa ani dubbadhe yaadatuu fi ka akka kitaabaatittillee barreessu uduu argamee ani silaa attamitti gammada! Maal ta'a uduu meeshaa sibiilaatii fi irsaasi'iin barreeffamee, yookaan qarsaa irratti qirqidamee bara baraaf akka hin banne ta'ee! Garuu fayyisaan kiyya jiraataa akka ta'ee fi guyyaa dhumaatitti ana oolchee lafa tana irra ol jedhee akka dhaabadhu hin beeka. Yoma gogaan kiyya kun nyaattamee dhumellee ani foon kiyya irraa fooyamee akka Rabbiin argu hin beeka. Kun woma ani arga'aaru; waan biraatii miti; ijuma tiyyatu arga'aara; garaan kiyya guyyaa san guddiftee hawwiti. «Jaalalloota tiyya! na ujultanii na rakkisa'aa sababaan rakkinnaallee isuma jedha'aa dubbattan. Lolli Rabbii waan adabbii guraade'ee fiduuf, akka guraadeen isin hin nyaanne uf eegaa'a murtiin Rabbiillee akka jiru beekaa'a» Soofaar namni biyya Naa'ima'aa akkana jedhee deebise, «Iyyoob! aariin tiyya akka deebii sii kennu na taasifte; kanaaf ariifadhee dubbadhe. Wonti ani dhagayu dheekkamsa na salphisu dandeettiin hubannaa kiyyaa akka deebii sii kennu na taasise. «Haga namni lafa irratti dhalate irraa jalqabee dur irraa akkanuma akka ta'e hin beetta. Dhaaduun nama hama'aa hennaa gabaaba'aaf; namoonni Rabbiin ganan gammachuun isaanii haguma limsuu ijaatitti bada. Namni hamaan uf jajuu ufiitiin haguma sami'iillee yoo ol fagaate yoo mataa ufiitiin duumessa tuqe; Inni baraa haga bara baraa akka fiindo'ootitti bada; namoonni isa arga'aa turan eessa dhaqe? jedhan. Akka eebju'uutitti waan baduuf hin argamu; akka manaaba halkaniititti bada. Hulee jiraatuu sirima waan baduuf; ijji achiin dura isa argite deebitee isa hin argitu. Ijoolleen isaa horii inni hiyyeeyyii jalaa hunnaan saame kaffalu'uuf kadhatan. Nafti hunna dargaggummaa isaa hennaa diqqo'oon maayessa biyyee ta'a. «Yoma hammeenni isaa akka nyaataatitti itti mi'aayee arraba ufii jalatti dhoffatellee; Akka jalaa hin dhumneef afaan ufii keessatti alansha'aa tursiisellee garaa isaa keessatti hadha'atti jijjiirama; akka summii bofaa itti ta'a. Namni hamaan qabeenna nyaate uduu hin jaalanne deebisa. Rabbi waan garaa isaa keessa jiru maraa hin tufsiisa. Namni hamaan summii xuuxa; hadhaan buuti'ii isa ajjeesa. Dhadhaan ejersaa akka lola'aatitti yoo yaa'u; aannanii fi dammi akka bisaan fincaaya'aatitti yoo yaa'u uduu hin argin du'a. Bu'aa dadhabbii ufii hin nyaatu; deebisee kenna malee; qabeenna daldalee argatettillee hin gammadu. Wonti kana ta'uuf waan hiyyeessa miidhee fi mana ufii hin ijaarre hunnaan waan fudhateef. Dodhummaan isaa hara baafata isa dhooggeera. qabeenni inni tuulatellee isa oolchuu hin danda'u. Qabeenni isaa maruu xuruuramee waan dhumuuf woma afaaniin qabullee hin argatu. Yoo haga fedhellee duroome hin biibbaya; rakkoon guddaanillee isa irra gaya. Yoma nyaadheellee hin quufa jedhe; Rabbi lola ufii gudda'aan isa dhaya. balaa ufiillee itti buusa. Guraadee sibiilaa jalaa yoo bayellee eboo sibiila diima'aatiin woraannama; eboonillee fulla'ee duddaan baya; arfiin isaa ka calalaqu tiruu kukkutee lufa; sodaa gudda'aan garaan isaa raafama. Qabeenni inni tuulate maruu dukkana jaamaa keessatti jalaa bada; ibidda harki namaa hin qabsiifnetu isa guba; qabeenna mana isaa keessatti hafe maraa hin guba. Cubbuu inni hojjate Samiiwwan maruu hin saaxilaniin. laftillee diina itti taati. Gaafa dheekkamsa Rabbii qabeenni mana isaa maruu akka bisaanii yaa'ee lufa. Hireen Rabbi worra isa didaniif murteesse; gatiin worra hammeeyyi'ii kana.» Iyyoobillee akkana jedhee deebise, «Dhagayaa'a! jecha kiyya dhagayaa'a! kun jajjabeenna isin naa kennitan haa ta'uu. Akka dubbadhu na dhiisaa'a. haga ani dubbadheen maayessa baldaa'a. «Ani dhugamaan komii kiyyaa namatti himadhaa? obsa fixachuun kiyya maal nama maalalchiisa? Gara kiyya laala'aa maalalfadhaa'a; harka keessan afaan irra kaayadhaa'a. Ani yoo waan kana dhudhumu na naasisa; nafti kiyyallee soda'aan hollata. «Cubbamtoonni maaf lubbu'uun jiraatan? maaf gayanii jaaran? maaf jajjabaata'aa deeman? Ijoolle'ee fi fiixaan ijoollee isaanii guddatanii qanani'anii isaan afoo jiraata'aaran Manni isaanii amanamee sodaa tokko malee jiraata; uleen Rabbii isaan irra gayee hin beeku. Loon isaanii rakkoo tokko malee horan; sa'ooleen isaaniillee hin dhalan malee gara'aa hin gatan. Ijoollee ufii akka tika hoolotaatitti yaasan. daa'imman isaaniillee hin burraaqan. Dibbe'ee fi masiinqoo qabatanii faarfatan. xurumbaa afuufa'aa gammadan. Umurii ufii qanani'iin fixan. dimmaa gara ibidda asaabaa bu'an. «Rabbiin ‹nu karaa kee beekuu hin feenuu, nu irraa fagaadhu› jedhaniin. ‹Akka isa Waaqeffannu Waandhi maraa danda'u eennu? yookaan isa yoo kadhanne maal nu fayyada?› jedhan. Kunoo qabeenni harkuma isaanii keessa jiraamii? gorsi worra cubbama'aa na irraa fago'o; ani marii worra hammeeyyi'ii hin fudhadhu. «Ibsaan namoota hammeeyyi'ii dhaamee beekaa? balaan hoo isaan irratti bu'ee beekaa? Rabbi lola ufiitiin isaan adabee beekaa? Qilleensa afo'otti akka bura'aa; akka daaraa bubbeen fudhatee lixuu hennaa meeqa ta'an? «Isin ‹Rabbi yakka abbootaatiif ijoollee adaba› jettan. amma mee Rabbi cubbamtoota matama isaaniituu haa adabuu; yoo kana ta'e yakkamtoota ta'uu ufii hin beekan. Cubbamtoonni yakkuma ufii hojjataniin adabbii ufii haa fudhatanii; Waandhi maraa danda'u lola ufiitiin isaan haa dhayu. Namni haga du'een maayessa; ijoollee ufiitii maal godhuu danda'a? Rabbii worra uf jajanitti murteessu, dhugamaan namni beekkumsa isa barsiisaa? «Namoonni tokko tokko haga dhuma jireenna isaanii uduu rakkoon tokko isaan irra hin geenne hunnaa fi fayyaa uduu qaban; Nafti isaanii uduu furdatee bareedu; lafee isaanii keessallee uduu dhunni jiru du'an. Gariin garuu jireenna hadhaayaa keessaa uduu hin baane; waan mishaallee uduu hin arganne du'an. Maruu du'anii awwaalamanii biyyee ta'an; raammoon isaanitti nam'a. «Yaada keessan; marii hamaa isin natti mari'attanillee beekeera. Isin, ‹Manni nama gudda'aa sun eessa jira? manni nama hama'aa sun hoo garam?› jettan. Araata karaa deemu hin gaafannee? ragaa isaan dubbatan hoo hin fudhattanii? Worri hammeeyyiin sunniin ‹hennaa balaan dhufu miidhaan isaan irra hin gawu; lolli Rabbii hennaa dhufe jalaa bayan› jedha'aa dubbataniiran. Nama hamaa waan amala badaa isaatiif ka isaan lolu eennu? hujii badaa isaatiif hoo ka isa adabu eennu? Hennaa du'e reeffa isaa awwaalu'uuf deemaniin. awwaalli isaallee hin eeggama. Biyyeen dhooqa keessa jiru itti mi'aaya. namoonni maruu isa faanaa deeman. baniin gudda'atu isa afoo deema. «Eeganaa isin dubbii duwwa'aan na jajjabeessu'uuf maaf badaddan? deebiin isin naa deebiftan maruu soba.» Eelfaaz namni biyya Teema'aa akkana jedhee deebise, «Namni Rabbiin fayyaduu danda'aa? dhugamaan namni ogeessi uf fayyada malee Rabbiif hin ta'u. Hujiin kee mishaan hoo Waaqa waa maraa danda'u hin gammachiisaa? Karaa kee qajeelfachuun maal isa fayyada? Eeganaa Rabbi wonti si irratti murteesseef; wonti akkanatti siin loleef waan jaalalloo isaa taateef seetaa? Hammeenni kee baay'ee mii? cubbuun keellee dhuma hin qabu. Obboleeyyan tee sababaa tokko malee qabdii qabsiifteerta; namoota biraallee uffata irraa mulqattee qullaa isaan hambifteerta. Nama beelayaa fi dheebu'uun dadhabe; midhaanii fi bisaan dhooggatte. Ardiin qabeenna namoota jajjaba'aatii fi ta namoota murtaayee callaa taateerti. Dubartoota abbaan worraa isaanii jalaa du'e harka duwwaa geegessite; Ijoollee abba'aa fi haadha hin qabne waan isaan qaban jalaa balleessiteerta. Sababaa kanaaf kunoo siibo'oon marfamteerta balaan dimmaa dhufu si raasa. Akka hin argineef ifti dukkana sitti taate. lolaan bisaanii si liqimse. «Rabbi samii ol gubba'aa irra jiraataamii? yoma urjiiwwan ol gubbaa jiraatanillee inni gubba'aa gad isaan laala. Ati garuu, ‹Rabbi maal beeka? dukkana jaamaa keessa taa'ee murteessuu hin danda'aa? Akka inni hin argine duumessi gurraachi isa dhosseera; samii irra deema› jetta. «Dhugama lafa cubbamtoonni irra jiraatan; karaa durii san irra jirtaa? Isaan bee hennaan isaanii uduu hin geenne qoomamaniiranii. lola'aan haramanii sirima badaniiran. Rabbiin ‹Ati nu irraa fagaadhu; Waandhi maraa danda'u maal nuu godhuu danda'a?› jedhaniin. Rabbi garuu mana isaanii waan misha'aan guute; kanaafuu gorsa cubbamtootaa hin fudhadhu. Adabbii namoota hammeeyyi'ii arganii namoonni mimmishaan gammadan; qulqulloonnillee akkana jedha'aa isaanitti kolfan; ‹Dhugamaan diintonni teenna badaniiran; qabeenni isaaniillee ibiddaan gubate.› «Kanaafuu Iyyoob! Rabbiin wolii gali; isa woliin nagaya qabaadhu; yoo kana goote waan mishaa argattaa. Seera afaan isaa keessaa bayu fudhadhu; dubbii isaallee onnee kee keessa kaayadhu. Yoo gara Waaqa maraa danda'uu deebitee gad uf deebifte; cubbuu mana kee irraa yoo fageessite; Worqii daaraa keessatti; worqii oofriimiillee dhagaa bisaan keessaa jiddu'utti yoo gatte; Yoo san Waandhi maraa danda'u worqi'ii fi birrii falaqqisu sii ta'a. Yoo san Waaqa maraa danda'uun gammadda. fuula keellee gara Rabbii deebifatta. Isa kadhatta; innillee sii dhagaya. woreega qabdellee hin kennita. Hin mari'attaanille'e, sii ta'a. Ifnillee karaa kee irratti hin ifa. Rabbi worra uf tuulu hin salphisa; worra kasoo garuu hin oolcha. Ati yoo nama onnee qajeela'aa taate; Rabbi waan hamaa maraa irraa si eega; harki keellee yoo yakka irraa qulqullaaye; Rabbi si oolcha» Iyyoob akkana jedhee deebise, «Ammallee onneen kiyya ka gaddaa fi komii gudda'aan guuttame; mararamee booyullee harki isaa natti ulfaatteerti. Hulee inni itti argamu uduu beekee mishaa ture. hulee inni jiraatullee uduu dhaqee; silaa falmii kiyya dhiyeeffadhee; deebii falmii kiyyaa tartiibaan dhiyeeffadha. Deebii inni naa deebisu silaa hin beeka ture; waan inni naan jedhullee silaa hin hubadha ture. Rabbi hunna ufii gudda'aan natti murteessinnaa ree? wa'a; waan kiyya hin dhagaya. Achitti namni qajeelaan isaan wol morma; Rabbi abbaan murti'ii kiyya baraa haga bara baraa bilisa na baasa. «Garuu yoo gara baya biiftu'uu dhaqu achi hin jiru; yoo gara dhiyaallee deemu isa arguu hin dandeenne. Inni gara kaabaatiin hujii ufii hojjata; ani garuu isa arguu hin dandeenne; gara kibbaallee yoo gara galu isa arguu hin dandeenne. Inni deemsa kiyya maraa hin beeka; yoo na qoratellee ka akka worqi'ii qulqullaayeeru na arga. Lutti tiyya karaa inni jaalatu irra deemti; mamee bita'aa fi mirga hin goru. Ajaja isaa keessaa hin baane; dubbii isaallee garaa kiyya keessatti eegeera. «Isumatu murteessa; ka isa mormu hin jiru inni waan jaalate maraa godha. Waan na irratti karoorse maraa hin raawwata; karoora kana fakkaatu baay'ee qaba. Kanaaf isa afoo dhaabachuun guddisee na sodaachisa; yoma waan kana yaaduu hin sodaadha. Rabbi akka onneen tiyya shortu na godhe. Waandhi maraa danda'u na naasise. Yoo hagam dukkanti ija tiyya golgitee; guddachuun dukkanaa dubbachuu na hin dhooggine.» «Baroonni Waaqa maraa danda'u jalaa waan hin dhokanneef, worri isa beekan maaf ji'oota hin argine? «Namoonni hammeeyyiin daangaa diigan; hoolota saama'aa bobbaafatan. Harree ijoollee abba'aa fi haadha hin qabnee saaman; sangaa dubartii abbaa worraa hin qabnee akka qabdi'iititti fudhatan. Hiyyeeyyii jibbanii karaa irraa ari'an; isaan garuu isaan afo'oo dheessanii dhokatan. «Hiyyeeyyiin akka harree diidaa ka lafa gammoojji'ii jiraniititti; nyaata ijoollee ufiitiif barbaadu'uuf bayanii raatayan. Qaxaramanii qixiraa nama biraa wolitti qaban; woyinii nama cubbama'aa keessaa soqatoo soqatan. Uffata malee qullaa bulan; uffata qorraan uf irraa dhoogganiin hin qaban. Rooba gaara irraa gad roobuun shaman; waan jalatti qophatan dhabanii dhagaa jala bulan. «Mucaa abbaa hin qabne garboonfachu'uuf harma afaanii butanii fudhatanii deemaniin. rakkataa harkaa qabdii fudhatan. Hiyyeeyyii uffata malee huji'itti bobbaasan; ji'oota haama'aa beelaan akka qixiraa baadhatan godhan. Dhaaba woyini'ii ka worra hammeeyyi'ii keessaa muka ejersaa irraa dhadhaa ejersaa baasan; hurbuu woyini'ii irraa daadhii woyini'ii naqan; isaan garuu hin dheebotan. Qacha'aa fi manniin ufii keessaallee hin ari'aman; lubbuun ijoolle'ee gargaarsa barbaaddee iyyiti, Rabbi garuu dhiibbaa isaan irratti godhan san hin laalle. «Namoonni ifa jibban hin jiran; ifti maal akka ta'e waan hin beenneef karaa ifaa hin deeman. Ka lubbuu baasullee uduu hin bariine ganamaan ka'a; rakkattootaa fi hiyyeeyyii ajjeesa; halkanillee hannaaf bobba'an. Namni seebaru haga dhiituuf eega; eennullee akka isa hin argineef fuula ufii dhoffata. Halkaniin mana cabsanii seenan; guyyaa hin dhokatan; ifallee hin jibban. Ifni ganamaa isaan maraafuu akka gaaddisa du'aati; naasuu gaaddisa du'aa waan beekaniif. «Isaan akka hoomacha bisaan irraa ka mudhatee baduu hennama diqqoo mudhatan; lafti isaanii ka abaarame ta'a; gara dhaaba woyinii isaanii eennullee hin dhaqu. Akkuma oo'i baradaa bassee hule'ee balleessu cubbamtoonnillee du'anii worra du'etti eda'aman. Gadaamessi isaan baadhate isaan hin irraanfata; raammoon foon isaan dhota; hammeeyyiin lamuu hin qaabataman; akkuma munni caccabutti caccaban. Dhabduu hin deenne hin saama; dubartii abbaa worraa hin qabneefillee waan mishaa hin godhu. Rabbi garuu worra baallii qaban hunna ufiitiin balleessa; yoma jireenni isaanii waan qajeele fakkaatellee abdii jiraachu'uu hin qaban. Yoo Rabbi akka nagayaan jiraatan godhellee karaa isaan deeman maraa xiinxallee laala. Hennaa diqqo'oof ol ol jedhan; hin deeman; akka baala quuree mataa gad qabatuutitti mataa gad qabatan; akka midhaaniititti haamaman; Yoo akkanaa miti jedhame; ani akka sobaa ta'ee fi akka dubbiin ani dubbadhe sirrii hin taane ka mirkaneessu eennu?» Baldaadoos namni biyya Shuha'aa akkana jedhee deebise, «Baalliinii fi sodaatamuun ka Rabbiiti; ol aantummaa ufiitiin nagaya buusa. Baay'inna loltoota isaa laakkawuun danda'amaa? ka ifni isaa hin ifneef hoo eennu? Namni attamitti Rabbiin afo'otti qajeelaa ta'uu danda'a? ka nama irraa dhalate attamitti qulqulluu ta'uu danda'aa? Addeessinuu Rabbiin afo'otti ifa guutu'uu miti. urjiiwwanillee isa afo'otti qulqullootaa miti. Eegasuu namni du'ee shamuu fi raammayu attamitti kanaa gad hin taane ree?» Iyyoobillee akkana jedhee deebise, «Kana dubbachuu keetiin dadhabaa waan gargaarte seetaa? irree jabeenna hin qabne hagam oolchite? Ka ogummaa hin qabne hagam gorsite! beekkumsa baay'ee hagam ibsiteef! Akka dubbii kana dubbattu eentu si gargaare? Hafuura eennuutitu si dadammasse? «Ekeraan worra du'anii galaana jalatti; worra achi jiraatan woliin rom'a'aarana. Huleen ibidda asaabaa ka cubbamtoonni du'an jiran Rabbiin afo'otti addaata'a; wonti isii golgu hin jiru. Rabbi Samii gara kaabaa bakka duwwaa irra diriirse; lafallee hulee duwwaa irratti diriirse. Rabbi duumessi akka bisaan qabatu godhe; sababaa guddinna bisaaniitiin duumessi hin tarsaane. Duumessa diriirsee; afoo teessoo ufii dhossa. Ifaa fi dukkana gara gara baasu'uuf; galaana irratti daangaa badhifate. Hennaa Inni lolu utubaawwan sami'ii nayanii hollatan; sababaa aarii isaatiin raafaman. Hunna ufiitiin galaana cadhisiisa; ogummaa ufiitiin bineensa guddaa ra'aab jedhamu balleessa. Hafuura isaatiin samiiwwan bareedan; harki isaa bofa filliidamaa woraane. Kunniin maruu waan Rabbi hojjate keessaa hago'o; wontummaan dhageennullee hasaassima isaa calla'a. hunna gigissaa isaa eennutu hubatuu danda'a?» Iyyoob ammallee akkana jedhee dubbate, «Rabbii jiraataa murtii na dhooggate! Waandhi jiraataan waa maraa danda'u jireenna na hadheesse. Hafuurri kiyya na keessa, Hafuurri Rabbiillee uduu na keessa jiru, afaan kiyya keessaa hamaan hin bayu; arrabni kiyya soba hin dubbatu. Waan isin dubbattan maraa dhuga'a jedhee sirima hin fudhadhu; haga gaafa du'uutitti qajeellumma'aan jabaachuu kiyya hin dhiisu. «Ani dhugaa tiyyaan jabaadha; bara jireenna kiyyaa maraa keessi kiyya kanaan na hin himatu. «Diintota tiyya akka cubbamtootaatitti; worra na mormanillee akka hammeeyyi'iititti isaanitti haa murtaayu. Hennaa Rabbi lubbuu isaanii baasu'uun umurii isaanii gabaabse; namoonni Rabbiin waakkatan abdii maal qaban? Dhugamaan hennaa rakkoon dhufe Rabbi iyya isaa hin dhagayaa? Waaqa waa maraa danda'uun hin gammadaa? Rabbiin hennaa maraa hin waamataa? «Ani hunni Rabbii hagam guddaa akka ta'e isin barsiisa; waan Waaqa waa maraa danda'u bira jiru hin dhossu. Kunoo isin maruu argitaniirtanii; maaf waan duwwaa kana dubbattan ree?» «Kunoo Waandhi maraa danda'u; nama hama'aa fi dharticha akkanatti adaba. Ijoolleen isaa yoo baay'atan lolatu fixa; fiixaan isaa midhaan dhabanii beelayan; Worri kana irraa hafan dhukkubaan dhuman; haawwotiin hiyyeessaa tammaan isaaniituu isaanii hin booyan. Inni birrii akka biyye'ee tuuluu, uffatallee akka dhoqqe'ee wolitti guuruu hin danda'a. Garuu uffata namni hamaan wolitti qabe qajeela'atu uffata; birrii inni tuulatellee qulqullootatu qoodama. Manni inni ijaaru mana akka mana daarabaaftu'uutii fi akka goom'ee midhaan eegu'uuf ijaaraniititti diiggama. Namni hamaan qabeenna tuulatee haga dhumaa rafa; yoo dammaqu garuu qabeenni isaa maruu badeera. Naasuun akka haro'ootitti dimmaa isa irra gara gala; halkaniin bubbeen isa fudhatti. Qilleensi baya biiftu'uu mana isaa keessaa, haxaayee isa baasa. Dheessee jalaa bayu'uuf yoo badadellee, qilleensi itti cima; jalaa bayuu hin danda'u. Namni harka itti dhaya; fiiqu'uun hule'ee isa baasan. «Dhugamaan huleen albuunni birri'ii qotamee bawuu fi huleen worqii itti bassan hin jira. Sibiilli lafa keessaa argama; sibiilli diimaanillee dhagaa irraa baffamee baya. Namoonni dukkana balleessu'uun haga qilee lafa jalaa kutanii seenu'uun gara keessa gad fago'oo seenu'uun dukkana jaamaa keessa albuuda barbaadan. Namni hulee jiraatu irraa fagaatee; lafa lutti namaa irra ijjatee hin beenne gaya; achitti boolla qilee qotan; haada irratti rarra'a'aa namaan adda bayanii hojjatan. Lafti midhaan nyaataa baafti; keessi isi'ii ibiddaan gubamee ol gara gala. Dhagaan «Saampeer» jedhamu ka gatii mi'a'aa dhagaa isi'ii keessatti argama. biyyee isi'ii keessattillee worqiin argama. Karaa isi'ii cuungululleen hin beeku; Ijji rumichaallee hin argine. Ijoolleen worra uf jajanii irra hin ijjanne; leenci darmiinillee karaa san irra hin lufne. «Namni hennaa lafa qotu harka ufii dhagaa hoofii irra kaaya; gaarranillee hunde'ee gara galcha. Dhagaa qarsa'aa baqassee karaa hulluuqaniin qopheessa; Albuuda dhagaa gatii gudda'aallee achi keessaa argata. Burqaa bisaaii akka hin yaane ittisa; qabeenna lafa jalatti dhokatellee hin argata. Eeganaa ogummaan eessatti argamti ree? Huleen hubanna'aa hoo eessa? «Ogummaan lafa uumamni lubbuu qabu keessa jiraatu keessatti hin argamtu; Namni gatii isi'ii ka dhuga'aa beekullee hin argamu. Garbi ‹na keessa hin jirtu› jedha. Galaannillee ‹na woliin hin jirtu.› jedha. Ogummaan worqii qulqullu'uun hin bitamtu; gatiin isi'ii birri'itti hin bikkamu. Ogummaan worqii oofirii, maraagidii fi mi'a gatii gudda'aa ka «Saampeer» jedhamu caalaa ta kabajjamte. Worqi'ii fi uf argaan qulqullaayellee isi'itti hin bikkamu; meeshaa faaya worqi'iitiinillee hin jijjiiramtu. Wonti kabajjamaan Elellaanii fi Meettiin ogumma'aan wolitti hin bikkaman; gatiin ogumma'aa mi'a gatii gudda'aatiillee oli. Mi'a ‹Toophaaziyoon› jedhamu ka Itoophiya'aatiin wol hin qixxaayu; worqii misha'attillee hin bikkamu. Eeganaa ogummaan eessaa dhufti ree? hubannaan hoo eessatti argamti? Ija worra jiraatanii maraa afo'oo milixxeerti. Allaattiiwwan sami'ii jalaallee dhokatteerti. Badiinii fi duuti; ‹Oduu isi'ii gurra keennaan dhageenneerra› jedhaniiran. «Karaa gara isi'ii fiduu fi hulee isiin itti argamtu Rabbumatu beeka. Inni daangaa lafaa hin laala; waan sami'ii gad jiru maraa hin arga. Qilleensaa hennaa waan bikkuun qopheesse; garballee hennaa bikkitu'uun bikke, Roobaaf seera, gigissa'aa fi bakakka'aallee hennaa karaa baase, Hennaa san Rabbi ogummaa hin laale; madaalee kabajjeen; qoratee jabeesseen. «Yoo san namaan ‹ogummaa jechuun Rabbiin sodaachu'u; hubannaa jechuun waan hamaa irraa fagaachu'u jechu'u› jedheen.» Iyyoob ammallee akkana jedhe deebise, «Jireenni kiyya ka ammaa kun jireenna duraan akka Rabbi itti na eega'aa ture san uduu naa ta'ee hawwa! Hennaa dukkana keessa deemu san, Rabbi ibsaa ufii naa ibsa'aa ifa keessa deema'aa ture. Akka hennaa qaama guutu'uun jiruu; akka hennaa Rabbi mana kiyya tissee san uduu ta'ee! Hennaa Waandhi maraa danda'u na woliin jiru, hennaa ijoolleen tiyya na marsaniiran, Hennaa lutti tiyya dhadha'aan dhiqamtu, hennaa ani qabeenna qabu ka aannaniin luka dhiqadhu, hennaa munni woyini'ii ka lafa dhaga'aa irratti biqile dhadhaa ejersaa ka akka lola'aa yaa'u naa kenna ture. Hennaa gara karra qachatti'ii bayu, hennaa hulee itti gad bayan afoo teessoo kiyya kaayadhu, Ka'imman hennaa na argan kabajja'aaf na jalaa goran; manguddoonnillee kabajjaa maqaa kiyyaatiif hulee taa'anii na jalaa ka'an. Bulchoonni bani'ii worri dubbii dubbatan yoo na argan harka ufii afaan ufii irra kaayatanii cadhisan ture. Ajajoonni biyyaa hulee ani jirutti hin cadhisan; arrabni isaanii hidhamee dubbachuu dadhaban ture. «ka na dhagaye maruu na jaje; ka na arge maruu na galatoonfate. wonti kun maruu ta'eef waan iyya hiyyeeyyi'ii dhagayee gargaaree fi ijoollee abba'aa fi haadha hin qabne waan irkiseef. Worra du'aaf qophaayan waan gargaareef na eebbisan; dubartoota abbaan worraa jalaa du'e waan gargaaruuf gammachu'uun faarfatan turan. Qajeellummaa akka uffataatitti, murtii sirrii ta'e akka woya'aatitti uffadhe. Worra ijji hin argineef ija; worra hokkoluuf luka ta'e. Hiyyeeyyi'ii abbaa ta'e; ormaafillee hin falma ture. Boqoo cubbama'aa hin cabse; waan saamee fudhatellee afaan isaa keessaa buusisiise. «‹Umuriin kiyya akka shashare'ee baay'atee, uduma mana kiyya keessa jiru ulfinnaan du'a› jedhee ture. Ani akka muka bisaan soqaa hidda ufii diriirsuutii fi akka muka dameen isaa lalisuu ture. Hennaa maraa akkuma kabajjametti jiraadha; hunni kiyyallee guyya guyya'aan haarawooma ture. Namoonni na dhagayu'uuf cadhisa; gorsa kiyya dhagayu'uuf cadhisan ture. Dubbiin kiyya waan isaan quubseef haga ani dubbadheen maayessa namni dubbatu hin jiru ture. Akkuma qonnaan bulaan rooba badheessaa hawwu isaanillee dubbii kiyya dhagayu'uuf afaan bananii na eegan ture. Ani isaanitti seeqannaan gammadan; fuulli kiyya ifnaan fuulli isaanii ka gurraachate hiikkame. Ani akkuma ufii fedhetti isaan bulcha'aa ture; akkuma mootii loltoota ufii masakkuutitti isaan masakka'aa ture; hennaa gaddanillee isaan jajjabeessa'aa ture. «Amma garuu worri umuri'iin naa gad jiran natti baldan; abboonni isaanii worra ani tuffadhu worra sariin hoolota tiyya tissanittuu hin bikkamne. Hunni isaanii waan dadhabaa ta'eef anaa womaa hin fayyadan turan. Sababaa rakko'oo fi beelaatiin gara lafa gammoojji'ii deema'aa hidda gara garaa nyaata'aa turan. Baala sooqidda sooqidda dhawu ka lafa gammoojji'ii jiru guurata'aa turan; hidda muka dhittacha mi'aa hin qabnee nyaata'aa turan. Namoota irraa fooyamanii ari'aman; akkuma namni hattu'utti iyyu isaanittillee iyyan. Isaan worra hulee jireenna ufii dhooqa, godaa fi qilee keessatti qotame keessa jiraatu ta'an. Bosona keessa naannaya'aa akka bineensa bosonaa iyyan; saatoo jalattillee wolitti qabamanii jiraatan. Shabbeenaan tumama'aa biyyaa ari'amu'uun, maqaan isaanii bada'aa worra sammuu hin qabne ta'anii jiraatan. «Ani amma nama isaan itti sirbanii fi tirrii itti dhiitan ta'eera. Na ceem'anii na irraa fagaatan; sodaa tokko malee na afo'otti hancufa tufan. Rabbi waan hunna kiyya dadhabsiisee na salphiseef, akkuma farda akkuchaan irraa furamee natti burraaqan. Mirga kiyyaan worra haala malee guddatantu natti ka'e; na kuffisu'uuf luka kiyya jala siiboo kaayan; hujii badaa ufiillee gara kiyya deebisan. Karaa natti cufanii na balleessuu barbaadan; ka waan kana godhuu isaan dhooggu hin jiru. Akkuma lolaan kutee seenu, waan waa na irraa ittisu kutanii natti seenan; waan maraa caccabsa'aa natti dhufan. Naasuun guddaan na qabeera; ulfinni kiyya akka qilleensa bubbisee lufuutitti lufe; abdiin fayyummaa kiyyaallee akka hurri'iititti bittinnaayee bade. «Lubbuun tiyya guddiftee dhiphatte, du'aafillee dhiyaadheera. Halkan guutuu lafeewwan kiyya na dhukkuba'aa bulan, dhukkubbiinillee hara na hin baafachiisu. Sababaa dhibee guddaa qabuutiin uffanni kiyya hin bade. akka morma shamisi'iititti hudhee na qabe. Rabbi darbee dhoqqee keessatti waan na gateef biyye'ee fi daaraa fakkaadhe. «Yaa Rabbi! gara kee iyye naa hin deebifne; ol ka'e; na hin laalle. Deebitee garaa natti jabaatte. jabeenna harka keetiitiin na dhiphifte. Lafaa na kaaftee qilleensa irra na teessifte; bubbee haboonbolatti'iitiin na bassite. Mana jiraattonni maruu du'aaf keessatti wolitti qabamaniif akka dabarsitee na kennitu beekeera. Namni rakkate gargaarsaaf harka diriirsee yoo iyyu dhugamaan namni isa hin miidhu. Ani namoota rakkataniif hin boonnee? hiyyeeyyi'iif hoo hin dhiphannee? Waan mishaa argadha jedhee hawwe garuu waan hama'atu na irra gaye; ifni naa baya jedhee uduu eeggadhu guyyaan natti dukkanaaye. Keessi kiyya hin dhiphate; womaa nagaya hin arganne. guyyaan rakkinnaallee na irra gaye. Qaamni kiyya oo'a adu'uutiin uduu hin taane, gaddaan gurraachate. hulee itti gad bayan jidduu dhaabadhee gargaarsa gaafadhe. Ani nama irraa fooyamee jeedalaaf obboleessa; guchi'ii goshoo ta'e. Gogaan kiyya gurraachatee na irraa harca'e. lafeen kiyyallee sababaa oo'aatiin gubate. Masiinqo'oo fi kiraariin gammachuu kiyya ittiin dhageessisa'aa ture amma ka laagaa guungummii gadda kiyyaa ittiin dhageessisan ta'e. «Akka ija hawwi'iitiin bareedduu hin laalle ija tiyya woliin waadaa galeera. «Hireen namaa ka Rabbiin irraa murtaayeef maali'i? qoonni Waaqa maraa danda'u ka ol teessoo ufii irra jiruun kenname hoo maali'i? Nama hamaa irratti balaa, nama yakkamaa irrattillee badiin waan beekkamee mitii? Rabbi karaa kiyya maraa hin arguu? tarkaanfii kiyya maraa hoo hin laakkayuu? «Yoo sobaan deemee jiraadhe lutti kiyya gara sobaa yoo jarjaree jiraate; Rabbi madaala dhuga'aatiin na haa madaalu; akka mudaan na irra hin jirrellee haa beekuu. Tarkaanfiin kiyya karaa irraa goree qalbiin tiyya ija tiyya faana buutee, yoo harki kiyya cubbu'uun battaayee jiraate, waan ani facaase namni biraa haa nyaatu; ka biqilellee buqqa'ee haa badu. Qalbiin tiyya intala biraa yoo hawwitee jiraatte, balbala hiriyyaa kiyyaatitti riphee yoo isa eegee jiraadhe, Haati manaa tiyya nama biraatii midhaan haa daattuu; dhiira biraa woliin haa ciiftuu. Hujiin hamaan kun salphinna waan ta'eef, seera afo'otti yakka waan ta'eef itti haa murtaayuu. Cubbuun kun ka akka ibiddaa gubee balleessu waan ta'eef ani uduu kana hojjadhee jiraadhee qabeenna kiyya maraa silaa balleessee ture. « Hennaa garbichi kiyya ka dhiiraatii fi garbittiin tiyya ta intalaa na woliin wol falmanii, falmii isaanii tuffadhee yoo jiraadhe, Gaafa Rabbiin afoo murti'iif dhiyaadhe atta ta'a? yoo na naannayu'uuf dhufe maal deebisaaf? Ka gadaamessa keessatti na uume; ka tajaajiltoota tiyyallee uume isaa mitii? ka gadaamessa keessatti nu maraa hojjate isaa mitii? «Hiyyeessa na kadhate dhooggadhee; haadha hiyyeessaa fuula dhooggadhee yoo jiraadhe; Buddeena kiyya yoo hojja nyaadhee jiraadhe, Yoo hiyyeessaan hin geenne ta'e; Ani garuu dargaggummaa kiyya irraa jalqabee akka abba'aatitti isaan guddiseera; haadha hiyyeessaallee urga dhaladhe irraa jalqabee karaa itti mudhiseera. Namni tokko uffata dhabee yookaan hiyyeessa qullaa ta'ee yoo argee jiraadhe, Uffata rifeensa hoolota tiyyaa irraa hojjatame uwwiseenii itti oo'ee na hin eebbifne yoo ta'e, Ani yaa'ii murti'ii biratti naa dhagayan jedhee yoo hiyyeessa irratti harka kiyya kaasee jiraadhe, harki kiyya ceekuu irraa haa buqqa'u, ciqileen kiyyallee cabsata irratti haa cabu. Ani balaa Rabbii waan sodaadhuuf, waan akkanaa kanniin hojjachuu hin dandeenne. «Worqii abdii godhadhee; worqii mishaallee yoo si abdadha jedheenii jiraadhe, Qabeenni kiyya waan baay'ateef Harki kiyya waan baay'ee argateef yoo gammadee jiraadhe, Aduun hennaa ifu jiinillee hennaa ulfinnaan deemu argee garaan kiyya dhossa'aan sobamee, afaan kiyyallee yoo harka kiyya dhungatee jiraate, waan kana godhu'uun Waaqa ol gubbaa taa'u silaa hin waakkadha ture; hujiin akkanaa kunniin sababaa cubbuu murtii du'aa namatti fiduuf. «Badii nama na jibbuutitti hin gammanne, hennaa wonti hamaan isaan irra gayu natti hin tolle. ‹Diintonni tiyya haa badan› jedhee abaaru'uun cubbuu hin hojjanne. Dhugamaan maatiin kiyya ‹namni isa biratti nyaatee hin quufne eennu?› jedhanii ragan. Ani waan mana kiyya kara deemtu'uuf banaa godhuuf, sirima keessummaan raasaa bultu hin jirtu. «Yakka kiyya bobaa kiyya jalatti qabadhee cubbuu kiyyallee akka namaa yoo dhossee jiraadhe, Baay'inna bani'ii sodaadhee waan maatiin kiyya na tuffateef nayee hennaan ani cadhisee manatti dhokadhe hin jiru. «Maal ka na dhagawu uduu jiraatee! silaa waan uf irraa dhoogguun dhiyeeffadha; Waandhi maraa danda'u naa haa deebisuu! maal uduu barreeffamni himanna'aa ka diina kiyyaa naa argamee! Silaa akka malkata badhaasaatitti qoma kiyya irra kaayadha, akka gulloo ulfinnaatittillee mataa kiyya irra kaayadha ture. Akka nama baallii qabuutitti uggiinsaan Rabbiin afoo dhaabadhee waan godhe maraa tartiibaan ibsaaf ture. «Worra seeraan abbaa lafaa ta'an dhiphisee lafa isaanii yoo fudhadhee qotee jiraadhe, yoo sanyii gatii malee nyaadhee jiraadhe abboota lafaallee yoo gaddisiisee jiraadhe, Bikka qamadi'ii qoree'e, bikka garbu'uu qummuudduun natti haa bawu» dubbiin Iyyoobii asitti dhume. Iyyoob, «Ani nama qajeela'a» jedhee waan yaada ufii irra dhaabateef namoonni sadiinuu dubbachuu dhiisan. Elihuun gosa Kaaraamii Buuzaawichi ilma Baarki'eelii Rabbiin caalaa waan qajeelaa uf godheeruuf guddisee aaree Iyyoobiin lole. Waan Iyyoobiin irratti murteessisiisu deebii gayaa waan hin arganneef Eelihu goshoota ufii sadiiniinillee hin lole. Eelihu umuri'iin kaawwanii gadi waan ta'eef marti isaaniituu haga dubbatanii fixaniif koree ufiititti Iyyoobiin woliin dubbatu'uuf eega'aa ture. Eelihu afaan namoota sadiin kanniinii keessaa deebii haga dhabe guddisee aaree lole. Ilmi Buuzaawicha Baarki'eelii Eelihu akkana jedhee dubbate «Ani umuri'iin diqqa'a; isin garuu jaarsota; kanaaf sodaadhee beekkumsa kiyya ibsuu hin dandeenne. ‹Dura jaarsonni haa dubbatanii; ogummaa bara dheeraa argatan haa barsiisanii› jedhee ture. Garuu nama keessa bulee ka ogummaa namaa kennu Hafuura Rabbiiti. Jaaruun ogummaa namaa hin kennu; waan sirrii ta'e hubachu'uuf ka isaan gargaaru baay'inna umuri'iitii miti. Kanaafuu na dhagayaa'a; anillee yaada kiyya isinii ibsaa, «Ani dubbii keessan haga isin dubbattanii raawwattaniif obsaan isin eege. waan isin jecha bareechisa'aa dubbata'aa turtan sirri'itti isin dhagaye. Akkasuma ani qalbi'iin isin caqase; kunoo isin keessaa namni Iyyoobiin ‹ati sirrii hin jirtu› jedheen; yookaan ka dubbii isaatiif deebii kenne hin jiru. Isin «nu ogummaa arganneerra; nama uduu hin ta'in Rabbi haa mooyatu» hin jedhinaa'a. Inni garuu dubbii ufii natti hin dubbanne; anillee akka isin dubbattanitti isaa hin deebisu. «Isaan hin nayan, womaa hin deebifne waan dubbatan dhaban. Eega isaan hin dubbanne sababa waan deebisan dhabanii dhaabataniif ani obsaan isaan eeguu na barbaachisaa ree? Anillee waan dubbadhu qaba; waan beekullee hin ibsa. Ani waan dubbadhu qaba; Hafuurri na keessa jirullee na tuttuqa. Garaan kiyya dhoowu'uuf akka qalqala haarawa daadhii woyini'ii bokokeera. Diqqoo akka naa bayu hin dubbadha; afaan kiyya banadhee deebisa. Ani fuula laalee nama wol hin caalchisu eennuunillee hin shelu. Ani nama shela'aa dubbachuu hin beeku. uduu waan akkas godhu ta'ee silaa uumaan kiyya dafee na adaba ture. « Iyyoob! waan ani jedhu dhagayi; jecha kiyya maraa sirri'itti dhagayi. Kunoo ani amma afaan kiyya hin banadha; arraba kiyyaanillee hin dubbadha. Dubbiin kiyya qajeellinna garaa kiyyaa keessaa baya; arrabni kiyya dhugaa dubbata. Hafuurri Rabbii na uume; Hafuurri Waaqa waa mara danda'uu jireenna naa kenne. «Waan dubbattu qopheeffadhuu na afoo dhaabadhu; yoo dandeette naa deebisi. Kunoo ani Rabbiin afo'otti akkuma keeti; anillee biyyee irraa uumame. Ana sodaachuu si hin barbaachisu; miidhaa si irra geessuu hin danda'u. «Dhugamaan waan ati dubbata'aa turte maraa dhagayeera; dubbii afaan keetii bayullee caqaseera. Ati ‹Ani qulqullu'u, yakka, muda'aa fi cubbuullee hin qabu› jetteerta. ‹Rabbi garuu sababa na irra barbaada; akka diinaatitti na laakkaya; Luka kiyya gudeelcha lamaan jiddu'utti galchee duudhatee na qabeera, karaa ani deemu maratti na laala› jetteerta. «Iyyoob! ati waan kana irratti akka sirrii hin jirre sitti hima; Rabbi nama caalaa gudda'a. Ati ‹Rabbi dubbii namaa hin deebisu jettee maaf isaan wol mormita? Namni hin hubatu; Rabbi garuu karaa gara garaatiin dubbata. Halkan namoonni uduu siree ufii irra jiran, uduu hirriba oo'aa rafaniiran, Rabbi eebju'uu fi manaabaan isaanitti dubbata. Hennaa san gurra isaanii banee; akka dubbii isaa dhagayan taasisa; uf eegganno'oon isaan naasisa. Nama hujii hamaa irraa deebisa, uf jajuu irraa balleessa; Lubbuu isaa boolla irraa, jireenni isaallee billawaan akka hin banne eega. Yookaan siree irratti dhibe'een adaba; lafee isaa maraa hin hadoocha. yoo san jireenni isaa buddeena; lubbuun isaallee nyaata mi'aayaa jibbiti. Sababaa huqqateef foon isaa dhumatee lafeen isaa ol bayee mudhata. Jireenni isaa darbee lubbuun isaa worra du'anitti eda'amu'uuf dhiyaatteerti. «Maleekkota Rabbii ka kumaatamatti laakkayaman ka karaa sirrii namatti mudhisan keessaa tokkochi gara isaa dhufee isa gargaaruu danda'a; Maleekkichillee garaa laafeefii ‹Ka isa furu waan argeef gara awwaalaa akka hin buune dhiisiin!› jedhee du'a ajaja. Kanaafuu foon isaa akka nafa ijoolle'eetitti haarawoomee gara dargaggummaa ufiititti deebi'a. Hennaa san Rabbiin kadhata; Rabbi kadhaa isaa hin dhagaya; fuula ufiillee gammachu'uun itti mudhisa; qajeellummaa ufiitiif gatii isaa kaffala. Innillee namoota afo'otti, ‹ani yakkeera; waan qajeelaallee dabseera; Rabbi garuu balleessaa kiyya natti hin laakkofne; akka ani gara boollaa hin buune na oolcheera; jireenni kiyyallee ifa arga.› jedha'aa faarfata. «Rabbi waan kanniin maraa deddeebisee namaa godha. Ifa jireennaa akka arguuf lubbuu isaa deebisee boolla keessaa baasa. «Iyyoobi! Ani hin dubbadhaa ati cadhisi waan ani sitti himu qalbi'iin caqas. Yoo waan jettu qabaatte naa deebisi; waan sirrii ta'e beekuu barbaadaa dubbadhu. Yookaan cadhisii na dhagayi; anillee ogummaa si barsiisaa.» Eelihu ammallee akkana jedhee deebise, «Isin ogeeyyiin dubbii kiyya dhagayaa'a; isin beettonnillee na caqasaa'a. Akkuma arrabni mi'aa nyaataa dhadhamee adda baafatu; gurri dubbii adda baafata. Waan sirrii ta'e haa filannuu; waan mishaa woliin haa barannuu. Iyyoob ‹Ani yakka hin qabu; Rabbi garuu dhugaa na dhooggate; Yoo hagamillee nama dhuga'aa ta'e akka sobdu'uutitti laallame; uduu yakka tokkollee hin qabaatin, madaa hin fayyineen rakkata'aara› jedheera. «Nama kamtu akka Iyyoobii balda akka bisaaniititti dhuga? goshoonni isaa hamaa hojjatan; worri inni woliin oolullee worra hamaa hojjatu; ‹Rabbiin gammachiisuun namaaf homaa hin fayyadu› waan jedheeruuf. «Kanaafuu isin namoonni waa hubattan na dhagayaa'a! waan hamaa hojjachuun Rabbiin biraa, dogoggorallee hojjachuun Waaqa maraa danda'u irraa haa fagaatu. Rabbi namaaf akkuma hujii isaatitti isaa deebisa; akkuma deemsa isaatitti waan isa barbaachisu isaa kenna. Dhugamaan Rabbi waan hamaa hin hojjatu; Waandhi maraa danda'ullee haqa hin dabsu. Ardii ka yaboo isatti kenne eennu? eennu ka akka inni abbaa adunyaa kanaa ta'u isa muude? Rabbi yoo namatti gara galee Hafuura ufiitii fi Hafuura namatti baafate san uduu deebifatee, silaa fiixaan namaa maruu hennama tokko bada; gara biyye'ee deebi'a ture. Yoo nama qalbii qabu taate kana dhagayi; dubbii kiyyallee caqasi. Namni haqa jibbu bulchuu danda'aa? Rabbii gudda'aa fi qajeelaa yakkamaa gootaa? Eennullee mootichaan ‹ati yakkama'a› worra baallii qabaniin, ‹isin hammeeyyi'i› jedhanii? Isaan maruu hujii harka isaa waan ta'aniif; worra bulchanii hin dalamu; nama dureessallee hiyyeessa caalchisee hin laalu. Isaan halkan wodhakkaa dimmama du'an; baniin hollata'aa soda'aan badan; Jajjabeeyyiinillee uduu harki eennuullee isaan hin tundhe badan. Ijji isaa deemsa namaa laalti; tarkaanfii nama maraatuu hin tooyata. huleen worri hamaa hojjatan itti dhokatan; dukkanni jaamaan sirima hin jiru. Namni Rabbiin afoo murti'iif dhiyaachu'uuf haaganaan hin kennamuuf. Bulchoota gaafii malee caccabsee isaan hurreessa; bikka isaanii ka biraa kaaya. Hujii isaanii hin beeka; akka bututaniif halkaniin gara isaan gaggalcha. Uduu namoonni argan sababaa hammeenna isaaniitiif isaan dhaya. Wonti inni waan kana isaan irratti godhuuf waan isa duukaa bu'uu dhiisanii fi ajaja isaallee waan tuffataniif. Hiyyeeyyii rakkisanii akka isaan Rabbitti iyyan godhaniiran; Rabbillee iyya hiyyeeyyi'ii dhagayeera. «Yoo inni cadhise eentu isa ajiifata? yoo fuula dhoffate eentu isa arguu danda'a? Inni namaa fi bani'iillee oli. Kun wonti ta'eef akka hamaan banii hin bulchineef, akka siiboo afoo isaanii hin diriirsineef. «Namni Rabbiin uduu akkana jedhee woyya, ‹Ani yakkama'a; ammaa achi garuu hin yakku. Waan arguu hin dandeenne na barsiisi. cubbuu hojjadhee yoo jiraadhe deebi'ee hin hojjadhu› Eeganaa ati aagii galuu dida'aa, yaada ati dhiyeessitu irratti Rabbi akka dharraa kee sii raawwatu barbaaddaa? «Ogeeyyiin na dhagayan maruu worri hubannaa qaban akkana naan jedhan, ‹Iyyoob beekkumsa malee dubbate; dubbiin inni dubbatu bu'aa hin qabu› Maal Iyyoob uduu haga dhumaa ataabamee! Inni akka worra hammeeyyi'iititti deebii waan deebiseeruuf. Cubbuu ufii irratti diddaa waan dabaleeruuf; nu jiddu'utti tuffi'iin waan harka dhayuuf; Rabbiin tuffachuu waan baay'isuuf.» Eelihu ammallee akkana jedhe, «Iyyoob! ani Rabbiin afo'otti qajeela'a jechuun kee sirrii sitti fakkaataa? kun qajeellummaa akka ta'e yaaddaa? Ati, ‹cubbuu hojjachuu dhabuu kiyyaan maal fayyadama? maal argadhalle'e?› jettee isa gaafatteerta ta'a. Ani si'ii fi worra si woliin jiran goshoo keetii deebii hin deebisa. «Mee ol jedhii gara sami'ii laali; duumessa sii ol fagaatee jirullee laali. Uduu cubbuu hojjattee Rabbiin maali'iin miita? uduu yakkallee baay'iftee maal gootaan? Uduu qajeelaa taatee maal kennitaaf? harka keetiillee maal fudhata? Nama akka keetii hammeenni hin miidha; yoo hujii mishaa hojjattee nama fayyadda. Sababaa gad qabbiin itti baay'ateef namoonni hin iyyan; irree jajjabootaa jalaa bayu'uuf gargaarsaaf iyyatan. Ka akkana jedhu garuu hin jiru; Rabbi uumaan kiyya eessa jira? ka halkaniin faaruu kennu; ka busaayaa lafaa caalaa nu barsiisu, ka simbirroota sami'ii caalaa ogeeyyii nu taasisu inni meeti? Namoonni sababaa worra hammeeyyi'iitii fi worra uf jajuutiif iyyan; inni deebii isaanii hin deebisu. Dhugamaan Rabbi iyya duwwaa iyyan hin dhagayu; Waandhi maraa danda'u isaan hin caqasu. «Iyyoob! yoma haga feete ‹Rabbiin hin argu› jettellee hajaan kee isa bira waan jiruuf obsaan isa eeguu si barbaachisa. Eeganaa Rabbi lola ufiitiin waan hin balleessine; hammeenna namaallee lash jedhee waan lufu seetaa? kanaafuu Iyyoob! ati akkanumaan duwwaa haasaya baay'eessita; beekkumsa malee dubbii duwwaa odeessita.» Eelihu ammallee akkana jedhe, «Ammallee waan Rabbii waan dubbadhu waan qabuuf, sitti himaa diqqoo naa obsi. Beekkumsa Rabbiin irraa argadheen; Rabbi uumaan kiyya akka dhugaa ta'e ibsa. Dubbiin kiyya soba uf keessaa hin qabu; ani ka si woliin dubbadhu beekkumsa guutuu akka qabu beeki. «Dhugamaan Rabbi jaba'a; eennuunillee hin tuffatu; Inni hubannaa ufiitiin jaba'a. Inni hammeeyyii akka jiraatan hin godhu; worra rakkatanii garuu haqaan murteessa. Ija ufii qajeellota irraa hin fageessu, akka moototaatitti teessoo irra isaan kaaya; bara haga bara baraa isaan kabajja. Garuu namoonni uduu haada sibiilaatiin hidhamanii; yookaan uduu siiboo rakko'ootiin qabamanii, Cubbuu isaan uf jaju'uun hojjatan ifa jalaa baasa. Gurra isaanii akka gorsa isaa dhagayan banaaf; akka cubbuu irraa deebi'an isaan ajaja. Isaan uduu isa dhagayanii tajaajilaniinii; umurii ufii misoomaan, bara isaanii ka hafellee qanani'iin fixatan. Yoo dhagayuu baatan garuu guraade'een dhumatan; wollaala ufiitiin dhuman. «Worri Rabbiin irraa fagaatan hennaa maraa lola'aa jiraatan; yoma Inni isaan adabuu aagii galu'uuf hin kadhatan. Uduu daa'imumma'aan jiran du'an. jireenni isaanii worra dhiira dhiira fafeessu keessatti bada. Rakkataa rakkoo keessaa baasa; rakkoo isaan irra gayeenillee isaan barsiisa. «Amma wonti Rabbi fedhu, rakkoo afaan sitti banu keessaa, gara hulee badhaa rakkinni hin jirree, gara hulee nyaanni filatamaan jiruutitti si baasa. Amma garuu waan murtiin worra hammeeyyi'ii sitti murteeffameef, adabbii si barbaachisu fudhata'aarta. Eennullee qabeenna guddaa qabuun si hin sobin; gabbarsuu sii kennu'uunillee akka karaa irraa si hin dabsine uf eegi. Qabeenna qabaachuun keetii fi jabeenni hunna keetii maruu rakkoo malee akka jiraattu si gargaaraa? Hennaan baniin hulee ufiitii badan; guyyaan dukkanaa akka dhufu hin hawwin. Wonti rakko'oon qorama'aartuuf sababaa kanaaf waan ta'eef deebitee waan hamaa hojjachuu irraa uf eegi. Rabbi hunna ufiitiin waan guddaa godha; barsiisaan akka Isaa eennu? ‹Waan kana godhi› jedhee ka isa ajaju; yookaan, ‹waan hamaa hojjatteerta› jedhee ka isa himatu eennu? Akkuma namoonni hennaa maraa hujii inni hojjatuuf faaru'uun isa galatoonfatan, atillee waan hujii isaatiif faaru'uun galatoonfadhu. Namoonni maruu hujii isaa arganiiran. worri fago'oollee arganiiraniin. Rabbi gudda'a; nu garuu isa hin beennu; laakkobsi bara isaallee hin qoratamu. «Rabbi bisaan galaana irraa ol harkisa; samii irraallee rooba roobsa. Duumessa irraa rooba coccobsa. baay'innaan namootaa rooba. Wolitti guuramuu duumessaa, gigissaa keessaan attamitti akka dubbatu ka hubatu eennu? Inni naannoo ufiititti ifa hangaasu'uu diriirsa; gad fageenna galaanaallee hin golga. Akkaataa kanaan Rabbi banii maraa bulcha; nyaatallee guddisee isaanii kenna. Inni bakakkaa harkaan qabatee; hulee barbaadetti gad dhiisa. Gigissa'aan rooba guddaa dhufu mudhisa; bineensonnillee kirfaffuun akka dhufu hin beekan. «Kanaaf onneen tiyya guddiftee dhayatte; soda'aan sheephifte. Laagaa afaan isaatii bayu dhagayaa'a; dubbii isaa ka akka gigissa'aa gungumu caqasaa'a. Bakakkaa Sami'ii gaditti hulee maratti facaasa; haga daangaa lafaa maraa hin erga. Kanaan maayessa laagaa ufii hin dhageessisa; gungummii laagaa ufiitiinillee hin sodaachisa. hennaa laagaan isaa ka gaachena qabu dhagayame, bakakkaan hin mudhata. Rabbi laagaa maalalchiisuun gunguma; hin sodaachisa; waan nu hin hubanne waan guddaa godha. Barada'aan ‹lafa irra bu'i; kirfaffu'uun dirsaa buusi› jedhaan. Namoonni inni uume maruu akka hujii isaa beekan; nama maraa akka hujii ufii dhaabsisu godha. Hennaa san bineensonni gara buuraa seenanii; maandhee ufiititti galan. Bubbeen jabaan kibbaa dhufa; qorri hamaan kaabaa dhufa. Hafuurri Rabbii baradaa argamsiisa; bisaan badhaan wolitti qabamee baradaa ta'a. Duumessi akka bisaan baatu godha; isa keessa bakakkaa gad dhiisa. Duumessi waan inni ajaje raawwachu'uuf, isaan akka ajaja isaatitti asii fi achi naannayan. Rabbi wonti rooba roobsuuf lafa jiisu'uuf, namoota adabu'uu fi yookaan jaalala ufii mudhisu'uuf. «Iyyoob! waan kana dhagayi; dhaabadhuu maalalee Rabbii yaadi. Rabbi akkamitti akka duumessa tooyatu, bakakkaa duumessa keessaan akkamitti akka hangaasisu beettaa? Akkamitti akka duumessi wol qixxaayee deemu; hujii maalale'ee ka Waaqa beekkumsaan guutuu ta'ee beettaa? Hennaa qilleensi gara kibbaa cadhisee, lafa irratti wonti tokkollee hin sochoone, uffanni kee si fuursa. Samiiwwan akka uf argaa sibiila diimaa baffamee hojjatameetitti jabaate irraa hojjatame hennaa diriirsu, woliin diriirsuu hin dandeetta turee? Sammuun keenna waan dukkana ta'eef hajaa keenna ibsachuu hin dandeennu; waan isaan jennu nutti himi. Ani Rabbiin dubbadhuu jedhee gaafachu'uun maaf akka inni na balleessuuf isa kakkaasa? «Amma qilleensi bubbisee haga duumessa qulqulleesseen maayessa namni ifa adu'uu ka samii irratti ifu laaluu danda'u hin jiru. Karaa kaabaatiin ifni akka worqi'ii hin dhufa; Rabbillee gaachena sodaachisu ka maalale'eetiin mudhata. Nu'u Waaqa waa mara danda'u arguu hin dandeennu; hunni isaa gudda'a; inni dhugaa murteessa. Kanaaf worra yaada ufiitiin nu'u ogeeyyi'i jedhan waan tuffatuuf, namni maruu isa sodaata.» Kanaan maayessa Rabbi haboonbolattii keessa ta'ee Iyyoobii akkana jedhee deebise, «Dubbii beekkumsa malee dubbatamu kanaan ka gorsa kiyya salphisu eennu? Eeganaa akka dhiiraa mudhii kee hidhadhu, mee si gaafadhaa atillee naa deebisi. Hennaa ani ardii uumu ati eessa turte? waan qaabattuu fi waan beettu yoo ta'e dubbadhu. Haga ardiin geettu ka bikke eennu? ka isii irratti haada bikkaniin diriirse, eennuun akka ta'e hin beettaa? Hennaa galaanni lafa keessaa dhooyee burqe; ka balbala itti cufe eennu? Hennaa ani duumessa uffata isaa, duumessa dukkanaayaallee marata isaa godhe, galaanatti daangaa; balbalaa fi loosaallee natu itti godhe. Haga asii hin dhufta! garuu as hin luftu! dambaliin kee jabaanillee asumatti haa dhaabatuu ka jedhe ana. Iyyoob! bara jireenna keetii sirima bariisaa ajajjee beettaa? gagaarrinna lafaa akka hulee qabatu gooteertaa? bariisaan ardii irratti akka ifa argisiisu; namoota hammeeyyii lafa itti dhokatanii raasee akka facaasu; ajaja kennitee beettaa? Ifti ganamaa tullootaa fi dhooqota; akka uffata dachaafameetitti dhaabatanii akka mudhatan godha; akka chaappaa faara irra jiruutitti ifa godhee mudhisa. Hammeeyyii ifni jalaa fudhatameera; irreen isaanii ka ol jedhellee cabeera. «Ati xiillaa galaanaa keessa seenteertaa? garba ciisaa keessa deddeemteertaa? Balballi du'aa sitti mudhateeraa? gaaddisa balbala du'aa hoo argiteertaa? Ardiin tun hagam badhoo akka taate hubatteertaa? yoo maraa beettee jiraatte natti himi. «Karaan gara ifaa geessu kam? huleen dukkanti jiraattu eessa? Gara hulee isaan jiraatanii geessuu dandeettaa? karaa hulee isaan jiraatanii beettaa? Hennaa san waan dhalattee jirtuuf, laakkobsi umurii keetiillee baay'ee waan ta'eef, dhugamaan ati beekuu hin dhabdu. «Gara mana baradaan itti kuufamuu seenteertaa? hulee baradaa itti wolitti qaban argiteertaa? Baradaan kun ka hennaa ani lolaa, woraanaa fi ka hennaa rakko'oo itti fayyadamu'uuf kaayadhe. Karaan gara hulee ifti itti falaqqisuu fidu eessa? yookaan qilleensi gara baya biiftu'uu ka lafa irra bubbisu eessaa ka'a? «Eentu karaa roobni bu'uun qopheesse? eentu kirfaffuu gigissaan keessa jiruuf karaa qopheesse? akka marga margisiisuuf; ardii womaa irra hin jirre irratti, lafa gammoojji'ii namni irra hin jirre irratti akka rooba roobsu; lafa duwwa'aa fi gammoojjii ka quubsu; akka margi itti margu ka godhu eennu? Roobni abbaa qabaa? coccopha fixeensaa hoo eentu fudhate? Baradaa eentu argamsiise? hurrii sami'ii hoo? Qorri bisaan akka dhaga'aatitti jabeessa; hundee galaanaallee akka barada'aatitti iticha. «Urjiiwwan torban hidhuu dandeettaa? yookaan urjii «Ooriyoon» jedhamu hiikuu dandeettaa? Yookaan urjii «Maazaaroot» jedhaman hennaa isaaniititti yookaan urjii bineensa «Doobbaa» jedhamu fakkaatu ijoollee isaa woliin karaa itti mudhisuu dandeettaa? Seera Samiiwwan ittiin bulan beettaa? seera kana ardii irratti akka ittiin bulan godhuu dandeettaa? «Lolaan bisaanii akka si liqimsuuf laagaa kee ol fuutee duumessatti dubbachuu dandeettaa? Bakakkaan ajaja keetiin mandi'aa? Isa keessa ka ogummaa kaaye, onnee namaa keessallee ka qaabii kaaye eennu? Biyyeen yoo jabaatu; ka jabaate yoo wol qabatu; Ka duumessa sami'ii laakkayu'uuf ogummaa qabu eennu? waabaa bisaanii ka sami'ii eentu gad qaba? Leencan bosona keessatti riphaniiran; dhadhooltee nyaachisuu dandeettaa? ilmoolee isi'ii ta beelofte hoo quubsuu dandeettaa? isaan goda keessatti riphan; bosona keessallee hin ciisan; hennaa ilmooleen isi'ii Rabbitti iyyatan; yoo waan nyaatan dhabanii raatayan; harraagessaa ka nyaata kennu eennu? «Hennaa arroolleen gammoojji'ii itti dhalu beettaa? hennaa hiddiin dhalu'uuf foolattu hoo argitee beettaa? Ji'oota isiin rimayaan turtu laakkoftee beettaa? hennaa isiin dhaltu hoo beettaa? Jilbiiffatanii dhalan; dhiphinna foolannootaa irraa hara baafatan. ilmooleen isaanii hin jabaatan; raasaa keessatti guddatan; fooyamanii deeman; gara isaaniillee hin deebi'an. «Harree diidaa eentu bilisa baase? harree gammoojji'ii hidha'aa eentu hiike? Lafa gammoojji'ii hulee itti bobba'an; lafa sooqiddaa hulee jireennaa godhee kenneef. Qachoota jeequmsi itti baay'ate irraa fagaatanii jiraatan; woca ka isaan oofullee hin dhagayan. Gaara irratti bobba'an; marga lalisaa nyaata isaanii ta'u maraa argachu'uuf barbaadan. «Gafarsi si tajaajilu'uuf hin ajajamaa? moonaa kee keessa buluu danda'aa? akka sii qotuuf qambaruu dandeettaa? mo'o si duubaan deema'aa qonna kee keessaa hadaa sii guura? Waan hunni isaa jabaa ta'eef isa hedattaa? hujii kee ulfaataa isatti dhiifattaa? Midhaan kee wolitti qabee akka oobdi'itti sii tuulu hedattaa? Guchiin koola ufii gammachu'uun hurgufatti; garuu akka allaattii kaawwaniititti hin barartu. Kallee ufii lafa irratti buufti; akka biyyee keessatti oo'u gooti. ‹Ka karaa san deemu luka ufiitiin hin cabsa; bineensi bosonaa irra ijjatee cabsa› jettee hin yaaddu. Akka waan ka isi'ii hin taaneetitti ilmoolee ufiititti garaa jabaatti; uduu dadhabbiin isi'ii duwwaa ta'elle'ee womaa itti hin fakkaatu. Akkanatti ka ogummaa isii dhooggate; akka isiin gowwaa taatuu fi ka hubannaallee isii dhooggate ana. Yoo fiigichatti kaate garuu, fardaa fi ka farda gulufsiisu yoo morkeen itti kolfiti. Fardaa hunna kenniteertaa? morma isaatitti hoo gam'aa uwwifteertaa? ka akka korophiisaatitti utaalchisuun si'ii? fooqqifni isaa nama sodaachisa Faradoon hennaa yaabbatanii gara woraanaa deemaniin hunna ufii hedatanii dhangala'an. Waan tokkollee hin sodaatan; naasuullee hin qaban; yoo guraadeellee itti luqqifatan irraa hin deebi'an. Meeshaan woraanaa ka worri lolaaf deemu harkatti qabatu aduu keessatti hin falaqqisa, hennaa wol tuqu sagalee dhageessisa. Yoo xurumbaan afuufamu garjabeennaa fi lolaan lafa sochoosan. Hennaa laagaan xurumba'aa dhagayamu hashu jedhan. fagoo dhaabatanii duula iyya bulchootaatii fi raafama loltootaa hafuura fuudhan. Dhugama cululleen ka lafa maru koola ufiillee ka gara kibbaa diriirsu ogummaa keetiinii? Bajja ol bayee, gubba'atti ka maandhee ijaaratu ajaja keetiinii? Bajja qilee irra jiraata; achuma bula; kusheen isaallee qaccee dhaga'aati. Achuma taa'ee waan butu soqa. ijji isaa waan fagoo jiru argiti. Bajja naannoo raqaatii hin dhabamu; ilmooleen isaa dhiiga dhugan.» Ammallee Rabbi Iyyoobiin akkana jedhe, «Iyyoob! Dhugamaan namni mormu Waaqa waa maraa danda'uun wol mormaa? namni Rabbiin wol mormu inni deebii isaa haa deebisuu.» Iyyoob Iyyoob akkana jedhee Rabbii deebise, «Ani namni salphataan maal sii deebisa? Eeganaa ani ammaa achi harka afaan kiyya irra kaayadhee cadhisuu malee deebiin ani sii deebisu hin jiru. Ani hennaa tokko dubbadheera; ammaa achi sirima hin dubbadhu. Rabbi Kanaan maayessa Rabbi bubbee haboonbolatti'ii keessa ta'ee Iyyoobii akkana jedhee deebise, «Eeganaa akka dhiiraa mudhii kee hidhadhu; si gaafadhaa atillee naa deebisi. Amma murtii kiyya hin diiddaa? ati qajeelaa ta'u'uuf natti murteessitaa? Hunna akka hunna Rabbii qabdaa mo'o? laagaa guddaa akka laagaa Rabbii qabda? Eeganaa ulfinnaa fi guddinna uffadhu; arnyaa fi gaachena uffadhu, Lola kee isaan irratti jissii; worra boonu maraa laalii salphisi. Ka boonu maraa laalii gad isaan qabi, hammeeyyiillee hulema isaan dhaabatanitti bulleessi. Uffataan kafanii bakka tokkotti biyyee keessatti awwaali. Hennaa san harki kee ka mirgaa akka si oolchu; anillee ragaa sii baya. Ani si'ii fi ‹Biheemoot› Roophiillee akkuma si uume isallee uumeera, inni akka sanga'aa marga dheeda. jabeenni isaa dudda isaa keessa; hunni isaallee ribuu garaa isaa keessa. Eegee ufii akkuma haafa hindheessaa raasa; ribuun uduuda isaa furda'aa fi mammarama'a. Lafeen isaa akka sibiila diima'aati; qaamni isaa akka ulee sibiilaati. Inni uumama ani uume maraa keessaa korma; ana malee ka isa mooyatu hin jiru. Gaara busaayaan bosonaa itti bobbayanitti nyaata biqilchaaf. Inni muka gaaddisa qabu jalatti dhoqqe'ee fi leephoo keessa ciisa. Munni gaaddisa qabu gaaddisa ufiitiin isa dhossa; mukkiin galaana keessa jiruun marfama. lanni yoo guutee irra cambalaqe hin sodaatu; Yoordaanos haga afaaniillee yoo guute uf hedata. Uduu ijji isaa argu hin qabamaa? funyaan isaa siibo'oon qaalawa bayaa? mo'o mummuranii adda qoodan? Amma naacha hookkoo qurxummii ittiin qabaniin baaftaa? arraba isaa hoo haadaan hiitaa? Hennaa lafti bari'e funyoo funyaanitti gootee dandeetta mo'o? boqoo isaa makkalla'aan woraantee qaalawa baasuu dandeettaa? Inni dhugamaan si kadhataa? jecha mishaa sitti dubbataa? Amma si woliin waadaa gala mo'o? bara baraan garbicha isa godhattaa? Akka simbira woliin taphattutti isa woliin taphachuu hin dandeettaa? ijoollee tee ta intalaa akka ittiin taphatan hin hiitaafii? Worri daldalu isa bitu'uuf irratti wol mormanii? mo'o mummuranii adda qoodan? Gogaa isaa hulee barbaaddetti lulumaan woraantee bassuu'u; mataa isaa cuuphe'een woraantee baqassuu hin dandeettaa? Mee yoo dandeette harkaan tuqi; yoo san sirima isaan wondhaansa wolitti bayuu hin irraanfattu; deebiteellee isaan wondhaansa bayu'uuf hin badaddu. Isa tooyadha jechuun waan hin danda'amne; ijaan isa laaluunuu nama hollachiisa. Ka isa sochoosuu uggu hin jiru; eeganaa ka na afoo dhaabachuu danda'u eennu ree? Isa tuqee ka nagayaan deemuu danda'u eennu? Sami'ii gad eennullee hin jiru. Waan nafa isaa; waan hunna isaa jaba'aatii fi waan nafa isaa misha'aa ani hin cadhisu. Gogaa isaa eentu irraa mulqa? boqoo isaa lamaan keessa eentu seena? Afaan isaa eentu bana? naannaya ilkaan isaa gaachenatu jira. Gogaan duddaa akka wontee tartiibaan kaayameeti; waan guddisanii wolitti dhiyaataniiraniif akka sibiilaa jabaata. Waan wolitti maxxananiiraniif; qilleensi edduu isaanii seenuu hin danda'u. Waan wol qabataniiraniif; womtuu addaan isaan hin baasu. Hennaa inni haxxifatu, waan akka ifaatitu falaqqisa; Ijji isaa akka aduu ganamaa ifi. Afaan isaa keessaa arraba ibiddaatitu baya; qaanqee ibiddaatitu isa keessaa faca'a. Akka distii danfeetii fi akka hunxuxii gubatuu funyaan isaa keessaa aarri baya. Hafuurri isaa cilee bobeessa; arraba ibiddaatitu afaan isaa keessaa baya. Mormi isaa hunna guutuu qaba; fuulli isaa guddisee nama sodaachisa. Gogaan nafa isaa dachaa ta'ee wolitti maxxaneera; nafti isaa akka sibiilaa jabaata. Onneen isaa akka dhaga'aa jabaata; jabeenni isaa akka dhagaa daaku'uuti. Hennaa inni ka'u jajjaboonni hin sodaatan. sababaa naasu'uutiin maraatan. Guraadee, eboo, boda'aa fi woraanaan uduu itti ka'anii hin mooyataniin. Sibiila akka bura'aa, sibiila diimaa akka muka hururee butucha. Buundhe'een ari'uun hin danda'amu; dhagaan furaanfurrisaallee isaa akka bura'aati. Inni ulee tuffatee akka margaatitti laakkaya; hennaa namoonni ebo'oon darbataniin tuffatee isaanitti kolfa. Hennaa dhoqqee keessa deemu gogaan isaa qarama'aa fi jabaan sun akka maarasha'aatitti lafa baqassa. Galaana akka bisaan danfee godha; akka dhadhaa ejersaa ka ottee keessatti danfuutitti danfisiisa. Karaan inni irra darbu hin ifa; bisaan galaanaallee hin hoomacheessa. Inni uumama hin sodaanne waan ta'eef, uumamni akka isaa sirima adunyaa irra hin jiru. Uumama gugurdaa ta'an maraa hin tuffata; inni mootii worra boonu maraati. Kanaan maayessa Iyyoob akkana jedhee Rabbii deebise, «Akka ati waan maraa godhuu dandeettu; akka karoorri kee sirima dhooggamuu hin dandeenne beekeera. Ka uduu beekkumsa hin qabaatin dubbii kiyya milissu eennu? jetteerta; dhugama waan naa hin galle, waan hin beennee fi waan hubachuu hin dandeenne dubbadheera. ‹Yabo'oo hin dubbadhaa na dhagayi; ani si gaafadhaa atillee natti dubbadhu.› naan jette; Dhagayuu gurraan dhagayee ture; amma garuu ijji tiyya si argiteerti. Kanaafuu uf tuffadhee biyye'ee fi daaraa irra taa'ee aagii gala.» Rabbillee Iyyoobitti waan kanniin haga dubbateen maayessa Eelfaaz nama biyya Teemaaniitiin akkana jedhe, «Isin akka garbicha kiyya Iyyoobii waan kiyya dubbii qajeelaa waan hin dubbanneef lolli kiyya si'ii fi goshoota tee lamaan irratti bobayeera. Eeganaa amma mirgoolee torbaa fi korbeeyyii hoolotaa torba qabadha'aatii gara garbicha kiyya Iyyoobii dhaqa'aa waan keessaniif ciincaa gubamu dhiyeessaa'a; garbichi kiyya Iyyoob isinii kadhataa, anillee akka ceem'aa keessanii akka isin irratti hin gooneef kadhaa isaa hin dhagaya; akka garbicha kiyya Iyyoobii dubbii qajeelaa waan kiyya waan hin dubbanneef.» Kanaan maayessa Eelfaaz namni biyya Teemaanii, Baldaadoos namni biyya Shuha'aatii fi Soofaar namni biyya Naa'ima'aallee deemanii akka Rabbi isaan ajaje godhan; Rabbillee kadhaa Iyyoobii hin dhagaye. Iyyoob waan goshoota ufii haga kadhateen maayessa, Rabbi boojuu isaa hin deebise; Rabbi waan duraan qabu caalaa dachaa lama godhee deebisee kenneef. Obboleeyyan dhiiraatii fi ta intalaa ta isaa, worri duraan isa beekan maruu gara isaa dhufanii mana isaatitti isa woliin dhiyana nyaatan. Waan isaatiif hin gaddan; waan hamaa Rabbi isatti fide maraaf jajjabeessaniin. Isaan maruu birri'ii fi qubee worqi'ii kennaniif. Rabbi Iyyoobiin waan duraa caalaa eebbiseen; hoolota kuma kudha afurii, gaallan kuma jahaa, sangaa morma kuma tokkootii fi harriin dhadhaltuu kuma tokko qaba. Deebi'ee ijoollee dhiiraa torbaa fi ijoollee intalaa sadihi argate. Maqaa ta hangafaa Yimiimaa, ta lammeesso'oo Qaasiyaa, ta sadeesso'oo Amaltooyaas Qiraas jedhee itti baase. Bareenni akka ijoollee intalaa ta Iyyoobii biyya maraa keessa hin jiran; abbaan isaanii obboleeyyan isaanii woliin lafa isaanii kenne. Kanaan maayessa Iyyoob woggaa dhibbaa fi afurtama jiraatee ijoollee ufiitii fi ijoollee ijoollee ufii haga dhaloota afurii arge. Iyyoob jaaree umurii geeffatee du'e. Namni gorsa worra hammeeyyi'iitiin hin deemne, ka karaa worra cubbamtootaa irra hin dhaabanne, ka worra baldan woliin hin teenne eebbifama'a. Namni akkanaa kun seera Rabbiititti gammada; halkanii fi guyyaallee seeruma isaa dhudhuma. Inni akka muka bisaan biratti dhaabamee ka hennaa isaatitti daraaraa kennuu, akka muka baalli isaa hin harcaaneeti; wonti inni hojjatu maruu hin ta'aaf. Worri hammeeyyiin garuu akkanaa miti; akka buraa qilleensi fuudhee deemuuti. Kanaafuu hammeeyyiin murtii afoo, cubbamtoonnillee tokkummaa qajeellotaa keessatti argamuu hin danda'an. Rabbi karaa qajeellotaa eega; karaan hammeeyyi'ii garuu hin bada. Baniin maaf guunguman? namoonnillee maaf waan duwwaa dhudhuman? Mootonni biyya lafaa ka'an; bulchoonnillee Rabbii fi Masihii irratti, mari'achu'uuf wol gayan «Haada sibiilaa isaanii haa kunnuu; sibiila lukaa ka isaaniillee uf irraa baafnee haa gannuu» jedhan. Ka sami'itti teessoo irra taa'e isaanitti kolfa; Gooftaanillee isaanitti balda; Achii lola ufiitiin isaanitti dubbata; balaa ufiitiin isaan naasisa. Itti aansee, «Ani garuu gaara kiyya ka woyyoome Tsiyooniin irratti mootii kiyya muude» isaaniin jedha. «Ani seera Rabbii labsa; Innillee akkana naan jedhe, ‹Ati ilma kiyya; ani adha si uumadhe; Na kadhadhu; mootota kee akka ta'an taasisee, daangaan lafaallee akka tee taatu sii kennaa. Ati ulee sibiilaatiin isaan butuchita; akka meeshaa faaraatitti isaan bulleessita » Kanaafuu isin mootonni qalbifadhaa'a; isinillee worri biyya bulchitan uf eegaa'a. Soda'aan Rabbiin tajaajilaa'a; isaa hollachuunillee isin haa gammachiisuu. Akka inni hin lollee fi akka karaa kanaan isin hin balleessine; gad jedha'aa ilma isaa dhungadhaa'a; lolli isaa waan dafee bobayuuf. Worri isa irkoo godhatan maruu worra eebbaati. Yaa Rabbi! diintonni tiyya hagam baay'atan! meeqatu na irratti ka'e! Namoonni baay'een lubbuu tiyyaan, «Rabbi si hin oolchu» jedhaniin. Yaa Rabbi! ati garuu wontee naannaya kiyya golgu; ati anaaf ulfinna; ka ol na qabullee si'i. Ani laagaa ol qabadhee Rabbitti iyyadha; inni iyya kiyya gaara woyyuu ufii irra taa'ee naa deebisa. Ani hin ciisa; hin rafa; Waan Rabbi irkisee na qabeeruuf hin dammaqa. Diintota kiyya ka karaa maraan na marsan hin sodaadhu. Yaa Gooftaa! ka'i! Waandhana! koottuu na oolchi; boqoo diintota kiyyaa cabsi; ilkaan hammeeyyi'iillee butuchi. Oolchuun ka Rabbiiti; eebbi kee banii kee irra haa ta'u. Waaqa na balchoomsitu; yoo si waamu naa deebisi! rakkinna kiyya irraa hara na baafachiisi; na maari; kadhaa kiyya naa dhagayi; Namoota nana, isin haga yoomii ulfinna kiyya diqqeessitan? haga yoomii waan gatii hin qabne jaalattan? soballee barbaaddan? Rabbi balchaa akka ufiif fooyate beekaa'a; ani hennaa Rabbiin kadhadhu inni naa dhagaya. Hennaa loltan cubbuu hin hojjatinaa'a; hulee raftanitti cadhisa'aa yaada keessan qoraa'a. Ciincaa sirri'ii Rabbii dhiyeessaa'a; hedoo keessanillee Rabbiin irra godhadhaa'a. «Worri waan mishaa eentu nutti mudhisa?» jedhan hedduu; kanaafuu yaa Rabbi! ifti fuula keetii nu irratti haa ifu! Gammachuu namoonni nyaataa fi dhuddoo daadhii woyini'ii irraa argatan caalaa'a, gammachuu ati onnee tiyya keessa keettetu caala. Yaa Rabbi! akka ani nagayaan jiraadhu ka na taasisu si callaa waan ta'eef ani hennaa rafu, nagayaan rafa. Yaa Rabbi! dubbii kiyya caqasi; worwwaata kiyyallee naa dhagayi. Ati Waaqa kiyyaa fi mootii kiyya! si kadhadhaa yabo'oo naa dhagayi. Yaa Rabbi! ganamaan laagaa kiyya dhageetta; ganamaan kadhaa kiyya si afo'otti dhiyeeffadha; cadhisee fedha kee eeggadha. Ati Waaqa hammeennatti gammadduu miti; hammeenni si woliin hin jiraatu. Worri uf jajan si afoo dhaabatan; ati worra waan hamaa hojjatan maraa hin jibbite. Worra soba dubbatan hin balleessita; nama dhiigaatii fi worra fakkeessu Rabbi hin ceem'a. Ani garuu baay'inna araara keetiitiin gara mana keetii seena; si soda'aan gara mana woyyuu keetii sagada. Yaa Rabbi! sababaa diintota tiyyaatiif karaa qajeelaa na masakki; karaa kee afoo kiyyatti naa qajeelchi. Qaaqa isaanii keessa dhugaan hin jiru; garaan isaanii gooruu badi'iiti; laagaan isaanii awwaala baname; arraba ufiitiin hin soban. Waandhana! Isaanitti murteessi; mariin isaanii kufaatii isaanii haa ta'u; isaan waan sitti ka'aniif baay'inna hammeenna isaaniitiif isaan balleessi. Garuu worri si abdatu maruu haa gammadanii; baraa haga bara baraa gammachu'uun haa faarfatanii; worri maqaa kee jaalatan akka sitti gammadaniif wontee isaanii ta'i. Yaa Rabbi! ati balchoota hin eebbifta; gaachena keetiinillee akka wonte'eetitti isaan daadofta. Yaa Rabbi! lolaan na hin xixin; balaa keetiinillee na hin adabin. Yaa Rabbi! Ani waan hunna hin qabneef garaa naa laafi; Yaa Rabbi! lafeewwan kiyya diiggamaniiranii; na fayyisi. Yaa Rabbi! lubbuun tiyya guddiftee raafamteerti; eeganaa haga yoomiiti? Yaa Rabbi! deebi'ii lubbuu tiyya hambisi; jaalala kee jaba'aaf jedhii na oolchi. Worra du'e keessaa ka si yaadatu waan hin jirreef; awwaala keessallee taa'ee ka si galatoonfatu eennu? Ani baay'inna gadda kiyyaatiin dadhabeera; waan guddisee booyuuf halkan maraa sireen kiyya imimmaaniin jiidha; boraatiin tiyyallee hin jiiti. Ijji tiyya baay'inna gadda kiyyaatiin dadhabdeerti; sababaa diintota kiyya maraatiif arguu dadhabde. Rabbi laagaa booyicha kiyyaa waan dhagayeef isin hammeeyyiin waan badaa hojjattan na irraa fagaadhaa'a! Rabbi kadhaa kiyya naa dhagayeera; Rabbi kadhaa kiyya naa deebisa. Diintonni tiyya maruu hin salphatan; guddisanii nayan; karaa dhufaniin deebi'an; dimmaa salphatan. Rabbi Waaqa kiyya! ati dawoo kiyya; namoota na ari'an maraa jalaa na baasi; na oolchi. Yoo ta'uu baate garuu akka leencaa na kukkutan; bakka ka na oolchu hin jirretti na cicciran. diinni ari'ee na haa qabu! haga du'utti na haa dhiitu; daaraa irratti kuffisee na haa salphisu! Yaa Rabbi! Balaa keetiin ka'i; diintota lolaan natti ka'anitti ka'i; Waaqa kiyya dammaqi; ajaja dabarsi! Baniin si haa marsu; ati isaan gubbaa ta'ii isaan irratti mooyi. Rabbi banii irratti hin murteessa; Yaa Rabbi! akka balchummaa kiyyaatitti naa murteessi; Gooftaa'a akka amanamumma'aa kiyyaatitti naa deebisi. Waaqa balchaa'a! ka yaada sammu'uutii fi garaa qortu, hammeenna worra hammeeyyi'ii balleessi; balchaa garuu jabeessi. Wonteen kiyya Waaqa gudda'a; inni worra garaa qajeela'aa hin oolcha; Rabbi abbaa murti'ii ka dhuga'aati, guyyaa maraa lola ufii mudhisa. Worri hammeeyyiin hammeenna ufii irraa yoo ka hin deebinee; Rabbi guraadee ufii qarata; eboo ufiillee isaanitti qajeelcha. Inni meeshaa nama ajjeesu isaanitti qopheeffata; buundheewwan akka ibiddaa mallisu isaanitti midhaaffata. Namni hammeenna ciniinsifata'aaru badii ulfaayee soba daya. Ka boolla qotee biyyee baasu; boolla qopheessetti ufumaa gala. Dharti isaa isumatti deebiti; dhibuun isaallee matama isaatitti bu'a. Rabbii waan balchummaa isaatiif galata dhiyeessa; maqaa Rabbii maraa olii faaru'uun jaja. Rabbi Waaqa keenna! maqaan kee ardii maraa irratti guddisee ka jajame; ulfinna kee maraa samii samootaatii ol taasifte. Diintota teetii fi worra gadoo qabatan cadhisiisu'uuf jettee, afaan ijoolle'eetii fi daa'imman harma hootu keessatti galata qopheessite. Samii ati uumte hennaa ol jedhee laalu, ji'ootaa fi urjiiwwan hulee isaaniititti ati jabeessitee dhaabde hennaa argu, Namni ati akkana yaadduuf kun maali'i? ilmi namaa ka ati kunuunsitu kun maaluma waan ta'eef? Yoo hagamillee diqqoo maleekkaa hanqifte, gulloo ulfinnaatii fi ka gaachenaa itti uwwifte. Uumama ufii uumte maraa irratti isa muudde; uumama maraa ol isa taasifte. Hoolotaa fi loowwan akkasuma bineensa bosonaa, Allaattiiwwan, qurxummii, uumama galaana keessa deemu maraa isa jala taasifte. Rabbi Waaqa keenna! maqaan kee ardii maraa irratti guddisee ka jajame! ulfinna kee maraa samii samootaatii ol taasifte! Yaa Rabbi! ani garaa guutu'uun si galatoonfadha; maalalee ati hojjatte maraa hin dubbadha! Ani siin gammada; siin natti tola; Rabbii maraa olii! maqaa keetii faaruu galataa dhiyeessa. Diintonni tiyya hennaa uf duuba deebi'an; gufatanii afoo keetii badan. Ati teessoo kee irra teettee murtii sirrii murteessita. hajaa kiyyallee argitee mirga kiyya eeddee qajeellumma'aan naa murteessita. Banii hin xixxe, worra hammeeyyii hin balleessite, maqaa isaaniillee baraa haga bara baraa haxxe. Diintonni baraa haga baraa badaniiran; qachoota isaaniillee diiddeerta; yaadannoon isaaniillee badeera. Rabbi garuu baraa haga bara baraa teessoo ufii irra jira; teessoo ufii murti'iif jabeeffate. Inni adunyaa balchumma'aan bulcha; banii maraafuu haqaan murteessa. Rabbi worra gad qabamanii dawo'o; worra rakkatanii irko'o. Worri maqaa kee beekan maruu si abdatan; Yaa Rabbi! ati worra si barbaadan waan hin dhiifneef; Rabbii Tsiyooniin irra jiraatuuf, faaruu galataa dhiyeessaa'a! banii keessatti hujii isaa himaa'a. Ka dhiiga baasu waan isaan yaadateef; iyya worra gad qabamanii hin irraanfanne. Yaa Rabbi! yabo'oo garaa naa laafi; rakkoo diintonni kiyya na irra geessan laali! du'allee na oolchi; Yoo ati kana naa goote, Tsiyoonitti galata kee labsa; waan ati na fayyifteef hin gammada. Baniin Yihuudota hin taane boolla ufii qotanitti galan; lutti isaanii siiboo isaan dhossa'aan dhaabaniin qabame. Rabbi murtee dhuga'aa murteessu'uun beekkama; hammeeyyiin hujii ufiitiin qabaman. Hammeeyyiin gara ibidda asaabaa bu'an, banii Rabbiin irraanfatu maruu akkasuma. Worri rakkatan hennaa maraa irraanfatamanii hin hafan; abdiin hiyyeeyyi'ii baraa haga bara baraa badee hin hafu. Yaa Rabbi! ka'i! namni hin caalin; worra yihuudota hin taane si afo'otti isaanitti haa murtaayu. Yaa Rabbi! naasuu isaanitti fidi; baniin nama ta'uu akka hin daganne haa beekanii. Yaa Rabbi! maaf akkana fagaattee dhaabatta? hennaa rakko'oollee maaf dhokatta? Namni hamaan nama rakkate boonaan ari'a; dhara dhayeen haa qabamu. Namni hamaan hammeenna ufiitiin dhaadata; Dondha eebbisa; Waaqallee hin ugga. Namni hamaan sababaa boona ufiitiif Rabbiin hin barbaadu; yaada isaa maraa keessa Waandhi hin jiru. Nama hamaa karaan isaa hennaa maraa milkaaya'a; hin boona, ka seera irraa fagaate; waan ta'eef diintota ufii irratti hin balda, Garaa ufii keessatti, «Hulee kiyyaa ka na sosochoosu hin jiru, dhalootaa haga dhalootaa rakkoon na hin argatu» jedha. Afaan isaa keessa abaarsa, fakkeessa'aa fi hammeennatu guuteera; arraba isaa jala garuu dharaa fi sobatu jira. Gandiin keessa riphee taa'a; nama qulqulluu udume'etti ajjeesa; ija ufii hiyyeeyyii irra taasifata. Inni akka leencaa muka keessatti dhokata; hiyyeeyyii qabu'uuf shula; isaanillee siibo'oon qabee harkisa. Dhayee isaan butucha; hiyyeessi mataa lafa buusa; irree isaa jalatti kufa. Namni hamaan garaa ufii keessatti, «Rabbi irraanfateera; fuula ufii haguuggateera; sirima hin argu!» jedha. Rabbii kiyya ka'i! Waaqa kiyya! irree kee ol kaasi! worra gargaarsa hin qabne hin irraanfatin. Namni hamaan maaf Rabbitti hamaa dubbata? maaf garaa ufii keessatti «Rabbi na hin gaafatu» jedha? Ati garuu rakkinnaa fi gadda hin argita; harka keetiin gatii kennu'uuf laalta; hiyyeessi si irratti uf gata; ka hiyyeessa gargaaru si'i. Irree nama hama'aatii fi ka yakkama'aa cabsi; hujii harka isaa kenniif; akka womaa hin argannetti. Rabbi baraa haga bara baraa mooti'i; baniin lafa irraa hin badan. Yaa Rabbi! Ati hawwii worra dhiibamanii hin dhageetta; garaa isaanii hin jajjabeessita; gurra keellee gara isaanii qabatta. Ka biyyee irraa uumame ammaa achi isaan hin rakkifne; ati nama rakkata'aa fi ka dhiibamee hin falmita. Ani Rabbiin hedadhe; Isin attamitti, «Akka simbiraa gara gaaraa dheessi!» naan jettan? Ammallee maaf akkana naan jettan? «Kunoo hammeeyyiin eboo mirmirfataniiran; garaa nama qajeela'aa dukkanaan iddu'uuf; buundhee ufii itti qajeelchaniiran. Hundeen yoo diiggame balchaan maal godhuu danda'a? Rabbi mana woyyuu ufii keessa jira; teessoon isaa sami'i; ijji isaa nama maraa laalti; nyaarri isaa ilmaan namaa qora. Rabbi balcha'aa fi cubbamaa hin qora; inni worra diddaa jaalatu garuu hin jibba. Inni hammeeyyii irratti barbadaa ibiddaatii fi dhagaa roobsa; hireen mijuu isaanii haboonbolattii nama gubu. Rabbi waan balchaa ta'eef hujii balchaa jaalata; qajeellonni fuula isaa argan. Yaa Rabbi! waan namni amanamaan tokkollee hin jirreef yabo'oo na gargaari; fiixaa namaa keessaa namoonni amanaman dhabamaniiran. Soba wolitti qaaqan; arraba sobaatii fi garaa lamaan dubbatan. Afaan soba dubbatu maraa; arraba dubbii baay'issu; Rabbi haa balleessu. Kunniin, «Afaan keennaan mooyanna; arrabni keenna; gooftaan keenna eennu?» worra jedhu. Rabbi garuu, «Rakkoo hiyyeeyyi'itii fi iyya worra rakkattootaatiif amma hin ka'a; nagaya isaan dharra'aniin isaan jiraachisa» jedha. Dubbiin abdi'ii ka Rabbii amanama'a; akka birrii sunsuma ibiddaatiin harka torba baffameetitti qulqullaaye. Yaa Rabbi! ati hennaa maraa nu eedda; namoota hamaa bara kanaa jalaa nu baafta. Wonti hamaa ta'e namoota biratti yoo jajame, namoonni waan hamaa hojjatan maruu gara isaanii deddeebi'an. Yaa Rabbi, haga yoomii na irraanfatta? haga bara baraa na irraanfattaa? haga yoomii na jalaa dhokatta? Haga yoomii yaada kiyya woliin tamaaggadha? haga yoomii halkanii fi guyyaa garaan kiyya gadda? haga yoomii diintonni tiyya na irratti mooyan? Yaa Rabbi; Waaqa kiyya! laali; na dhagayille'e; mugee akka hirriba du'aa hin rafne ija tiyya naa bani. Diintonni tiyya «Mooyanneerra» jedhanii akka uf hin janye, nyaaphni kiyya kufiinsa kiyyatti akka gammadan hin taasisin. Ani arjummaa keetii fi jaalala kee abdadha; garaan kiyya fayyisuu keetitti hin gammada. Rabbii na gargaare hin galatoonfadha; maqaa Rabbii maraa oliitii hin faarfadha. Raankeen garaa ufii keessatti, «Rabbi hin jiru» jedha; namoonni akkasii sunniin worra badu; waan nama jibbisiisaa hojjatan; isaan keessaa ka waan mishaa hojjatu tokkollee hin jiru. Ka waa hubatu; ka Rabbiin soqu akka jiru laalu'uuf, Rabbi sami'ii ilmaan namaa gad laale. Maruu karaa irraa goraniiran; wolumatti balla'aniiran; tokkollee ka waan mishaa godhu hin jiru. Worri maqaa Rabbii hin waamne; worri banii kiyya akka buddeenaatitti nyaatan; worri hammeenna godhan maruu beekkumsa hin qabanii? Hulee jiranitti naasuun isaan liqimseera; Rabbi waan worra balchaa jiddu'utti argamuuf. Isin karoora hiyyeeyyi'ii balleessuu barbaaddan; Rabbi garuu irkoo isaaniiti. Eentu Tsiyooniin keessaa ka Israa'eliin fayyisu baasa? Rabbi hennaa boojuu bani'ii deebisu; Yaaqoob haa gammaduu; Israa'elillee haa usheexxuu. Yaa Rabbi! gara hulee ati jiraattuu eentu seena? gaara woyyuu kee irra eentu jiraata? Ka jireenna mudaa hin qabne jiraatu, ka waan balchaa hojjatu, ka garaa ufii keessatti dhugaa dubbatu, Ka namoota hin hamanne; ka goshoo ufii irratti waan hamaa hin goone, ka ollaa irratti waan hin taane hin odeessine, ka namoota waan hamaa hojjatan tuffatuu fi ka worra Rabbii ajajaman kabajju, ka waan waadaa gale yoo hagamillee ulfaate raawwatu, Ka horii dhalaan namatti hin liqeessine, ka nama nagayaa irraa gabbarsuu hin fudhanne, namni waan akkanaa kanniin godhu nagayaan jiraata malee sirima hin raafamu. Waandhana! waan sitti irkadheeruuf golgii na dhossi; Ani Rabbiin «Ati Gooftaa kiyya, siin ala mishummaa hin qabu» jedheen. Woyyoonni lafa irra jiraatan maruu worra kabajjaman; ani isaanitti gammada. Worra waaqolee tolfamaa biraa waaqeffatan gadda gudda'atu isaan irra gaya; ani waaqolee akkanaatiif ciincaa dhiigaa hin dhiyeessu; afaan kiyyaan maqaa isaanii hin dhayu. Yaa Rabbi! ati waan ani fedhu maraa naa kennita; hireen kiyya harka kee keessa jira. Haanni bikkaniin hulee bareedduu irra naa bu'e; dhugamaan lafa bareeddu argadheera. Rabbii na gorsuu galata galcha; halkanuu garaan kiyya waan qajeelaa natti mudhisa. Rabbi hennaa maraa na afoo jira; inni waan mirga kiyya jiruuf ani hin raafamu. Kanaafuu garaan kiyya hin gammade; lubbuun tiyyallee hin usheexxite; namummaan kiyyallee sodaa malee jiraata; Ati asaaba keessatti waan na hin dhiifneef; woyyuu kee akka shamu hin gootu. Ati karaa jireennaa natti mudhifta; afoo keetitti gammachu'uun guuttamuu, mirga keetitti hulee qanani'ii ka baraa haga bara baraatitu jira. Yaa Rabbi! Iyya kiyya naa dhagayi; kadhaa kiyya ka qajeellumma'aan dhiyeeffadhe naa caqasi; kadhaa kiyya ka soba hin qabne dhagayi. Balchummaan kiyya si biraa naa haa dhufu; ijji tee haqa haa argitu. Garaa kiyya hin qoratte; halkan natti siixxee na qorte; na sakattaate, waan takkallee na irratti hin argine; afaan kiyya hin dabarsine. Hujii namootaa irraa; jecha afaan keetiitiin, karaa worra didanii irraa uf eegeera. Deemsi kiyya karaa kee irratti jabaateera, miillan kiyyallee hin mucucaanne. Waandhana! kadhaa kiyya waan naa dhageettuuf si waama; gurra kee gara kiyya deebisii kadhaa kiyya dhagayi. Worra diintota ufii jalaa si jalatti dhokatan; ka harka kee ka mirgaatiin oolchitu; jaalala kee jabaa maalalee taasisii ibsi. Akkuma gumaa ijaa eeggataniititti na eegi; gaaddisa koola keetii jalatti na dhossi. Diintota na marsanii fi worra hammeeyyii na rakkisan irraa na eegi. Isaan garaa laafuu didda'aaf onnee ufii cufatan; afaaniin uf jaja'aa dubbatan. Diintonni tiyya ari'anii na dhaqqaban; na marsan; lafaan na dhayu'uuf ija natti babaasan. Isaan akka leencota beelayanii; akka ilmoo leencaa ka dhokatanii waa eeganiiti. Yaa Rabbi! ka'ii isaaniin wodhaansa bayii isaan kuffisi; guraadee keetiin lubbuu tiyya hammeeyyii jalaa oolchi. Yaa Rabbi! namoota hireen isaanii waan ardii tanaa callaa ta'e jalaa na oolchi; galmee kee keessaa garaa isaanii guutte; ijoollee isaaniitiillee baay'ateera; ijoolleen isaanii qabeenna kuufatan; Ani garuu balchumma'aan fuula kee laala; yoo ulfinna kee argu hin quufa. Yaa Rabbi! ati hunna kiyya si jaaladha. Rabbi anaaf dhagaa qarsa'aati; Inni irkoo kiyyaa fi ka na oolchu; Waandhi kiyya dhagaa qarsa'aa ka ani itti dhokadhu; Inni wontee kiyya; gaafa diina kiyya uf irraa dhoogguunii fi dawoo kiyya. Ani Rabbii galanni barbaachisu hin waamadha; diintota kiyya jalaallee hin baya. Muddamsuun du'aa na marsite; lolaan badi'ii na irra gara gale. Haanni asaabaa natti marame; siiboon du'aa na qabate. Hennaa rakkadhe Rabbiin waamadhe; Waaqa kiyyatti iyyadhe; innillee mana woyyuu ufii keessaa laagaa kiyya naa dhagaye; iyyansi kiyyallee isa bira gaye. Rabbi waan loleef ardiin raafamtee sochoote; hundeen gaarraniillee hin socho'e. Funyaan isaatii aarri lolaa baye; afaan isaatiillee arrabni lolaa ka ibiddaatii fi barbadaan nama gubu baye. Samii baqassee gara lafaa gad bu'e; luka isaa jala duumessa gurraachatu jira. Kiruubeeliin irra taa'ee barare; koola qilleensaa irra taa'ee ol baye. Dukkana hulee itti dhokatu; naannaya ufiitittillee goda godhate; duumessa bisaan baatu gurraachaan uf dhosse. Sababaa ifa afoo isaa jiruun; baradaanii fi ibiddi mallisu; duumessa gurraacha baqassee baye. Rabbi sami'ii gigisse; Rabbiin waa maraa olii laagaa ufii dhageessise. Eboo ufii darbate; diintota ufii bittinneesse; falaqqisa bakakka'aatiin isaan ari'e. Yaa Rabbi! hennaa ati diintota kee xixxe, hennaa laagaa lolaa dhageessifte, lafti garba jalaa mudhate; hundeen lafaallee hin mudhate. Rabbi ol gubbaa taa'ee harka ufii hiixatee na qabe; bisaan xiillaa keessaa harkisee na baase. Rabbi diintota jajjabaa natti hammaatanii fi namoota na jibban jalaallee na baase. Hennaa ani rakkadhe diintonni tiyya natti ka'an; Rabbi garuu na baase. Gara hulee badha'aa na baase; waan na jaalateef na oolche. Rabbi akka balchummaa kiyyaatitti gatii naa kenne; akka qulqullinna harka kiyyaatitti naa deebise. Ani karaa Rabbii eegeera; Rabbiin irraa gara biraa goru'uun yakka hin hojjanne. Seera Rabbii maraa hin eega; seera isaallee kabajjuu hin dhiisu. Ani isa afo'otti mudaa hin qabu ture; cubbuu irraallee uf eegeera. Rabbi akka balchummaa kiyyaatitti; akka qulqullummaa harka kiyyaatitti gatii kiyya naa deebise. Waandhana! ati worra siif amanamaniif amanama'a; worra mudaa hin qabneef mudaa malee taata; Qulqullu'utti qulqullummaa kee mudhifta; ka dabuu gatii daba isaa kennitaaf. Nama kasoo hin oolchita; ka uf jaju garuu hin salphifta. Yaa Rabbi! ati ifa kiyya ibsita; Waaqa kiyya! dukkana kiyya ifa goota. Hunna keetiin loltoota irra deema; hunna Waaqa kiyyaatiin kaloo utaala. Karaan Rabbii kiyyaa qajeela'a! dubbiin isaallee qulqullu'u! Inni worra isatti irkatan maraafuu wonte'e. Rabbii achi Waandhi eennu? Isa malee dawoon eennu? Ka hunna naa kennuu fi ka karaa kiyya naa qajeelchu Rabbi. Rabbi luka kiyya akka luka gadamsaa jabeessa; gaarran irra na dhaaba. Harka kiyya lola barsiisa; irree kiyya akka eboo sibiila diimaa irraa hojjatame darbuu danda'utti jabeessa. Ati wontee moote'ee naa kennite; harki kee ka mirgaa irkisee na qabeera; gara laafumma'aan ol na qabda. Tarkaanfii kiyya naa badhifte; lutti tiyyallee hin mucucaanne. Diintota tiyya ari'ee qaba; ani uduu isaan hin balleessine duubatti hin deebi'u. Akka hin kaane godhee isaan butuche; isaanillee luka kiyya jalatti kufan. Lolaaf hunna naa kennite; diintota kiyya maraa luka kiyya jala taasifte. Ati diintota kiyya akka na jalaa dheessan goote; ani worra na jibban maraa hin balleesse. Isaan ka isaan gargaaru soqaa iyyan; garuu ka isaan oolchu hin jiru; Rabbitti iyyatan; Inni garuu isaanii hin deebifne. Ani haga akka daaraa qilleensi afuufuu ta'aniititti isaan daake; akka dhoqqee karaa irraatitti isaan irra deeme. Mormii bani'ii jalaa na baafte; bulchaa bani'ii gootee na muudde; baniin ani hin beenne na jalatti bule. Akkuma ajaja kiyya dhagayaniin naa ajajaman; nyaam'ni na afo'otti mataa gad qabatan. Nyaaphni soda'aan liqimfaman; hollata'aa kushee ufii keessaa bayan. Rabbi jiraata'a! Waandhi irkoon kiyya haa galatoomu! Waandhi jabaan na fayyise haa kabajjamu. Waandhi diintota kiyya haluu naa baya; baniin akka naa gad ta'anii na jalatti bulan taasisa. Diintota kiyya jalaa ka na oolchu isa; diintota kiyyaa ol na taasifta; nama hamaa jalaa na oolchita. Kanaaf banii biratti si galatoonfadha; maqaa keetiifillee hin faarsa. Inni mootii ufii moosise mootee gugurdaa kennaaf; Daawitii dibee fi fiixaa isaatii baraa haga bara baraa jaalala jabaa mudhisa. Samiiwwan ulfinna Rabbii dubbatan; samiin hujii harka isaa labsa. Guyyaan guyyaa itti aanutti dhaamsa hima; halkan tokko halkan itti aanutti dubbii kana beessisa. Dubbatuun hin jiru; jechillee jiru; laagaan isaanii ka gurraan dhagayamuu miti. Garuu dhaamsi isaanii gara adunyaa maraa faca'e haga daangaa ardii maraa baya; Rabbi hulee aduun jiraattu samii irra godhe. Aduun akka idaayyaa golaa baatuutitti baati; akka nama fiigee jabaatee galma gayuutitti gammaddi. Baati isaa daangaa sami'iiti; naannofni isaa haga daangaa biraati; ka oo'a isaa jalaa dhokatu hin jiru. Seerri Rabbii guutu'u; lubbuu deebisee haarawoomsa; seerri Rabbii amanama'a; wollaalaa ogeessa taasisa. Seerran Rabbii sirri'i; garaa namaa gammachiisa; ajanyi Rabbii hin ifa; ija namaa ibsa. Rabbiin sodaatuun qulqullu'u; baraa haga bara baraa jabaatee jiraata; murtiin Rabbii maruu dhuga'a; guutumatti qajeellumma'a. Ka worqii caalaa kabajjame; ka worqii baay'ee qulqullaaye caale; damma caalaa mi'aaya; nadhii dammaa caalaa namatti tola. Akkasuma tajaajilaan kee isaan gorfama; isa eegu'uun gatii guddaa argata. Balleessaa ufii eentu arga? Waaqa kiyya cubbuu dhokatte irraa na qulqulleessi. Garbicha kee cubbuu ugguu irraa eegi; akka na irratti hin moone na gargaari; yoo san mudaa malee jiraadha; yakka guddaa irraa hin qulqullaaya. Yaa Rabbi! irkoon kiyyaa fi fayyisaan kiyya si'i; jechi kiyyaa fi yaanni garaa kiyyaa si afo'otti bareedaa haa ta'u. Rabbi guyyaa rakko'oo kadhaa kee sii haa dhagayu! Maqaan Waaqa Yaaqoobii si haa eegu! Mana woyyuu ufii keessaa gargaarsa sii haa ergu; gaara Tsiyoonii irraallee si haa irkisu. Kennaa kee maraa si irraa haa fudhatu; ciincaa keetiin haa gammadu. Hawwii garaa keetii sii haa kennu; fedha kee maraa sii haa raawwatu. Waan ati mooyatteef hin gammanna; maqaa Waaqa keennaatiin alaabaa keenna ol qabna; Rabbi kadhaa kee maraa sii haa raawwatu. Rabbi nama ufii muudee moosise akka gargaaru amma beeke; harka ufii ka mirgaatiin mootee kennaaf; kadhaa isaatii hulee ufii woyyittii irraa deebii kennaaf. Sunniin konkolaataa fardaatiin; sunniin farda ufii hedatan; nu garuu ka ittiin boonnu; maqaa Rabbii Waaqa keennaatiin. Isaan gufatanii kufan; nu garuu kaanee jabaannee dhaabanna. Waandhana! mooticha harka diintotaa isaa jalaa baasi; hennaa nu si kadhannullee nuu dhagayi. Waandhana! mootiin waan hunna isaa kenniteetiif gammadeera; waan isa mooyachiifteefillee hin usheexxa. Fedhii garaa isaa kenniteef; ati waan inni si kadhate hin dhoogganneen. Eebba guddaa qabattee karaa irratti simatteen; mataa isaatitti gulloo worqi'ii qulqulluu gooteef. Jireennaan akka jiraatu si kadhate; atillee umurii dheeraa baraa haga bara baraa kenniteef. Sababaa mooyicha isaa kenniteetiif kabajjaa argate; galataa fi ulfinna edaateef. Eebba bara baraa kenniteef; atillee isa biratti argamtee isa gammachiifta. Mootichi Rabbiin hedata; jaalalli Rabbii gudda'aa waan isa woliin jiruuf hin raafamu. Harki kee diintota kee maraa hin argate; harki kee ka mirgaa worra si jibbuu barbaade maraa hin qaba. Ati hennaa mudhattu; akka ibidda sunsuma keessaa isaan goota; Rabbi balaa ufiitiin isaan fixa; Ibiddi mucuq godhee isaan fixa. Dhaloota isaanii lafa irraa, fiixaa isaaniillee fiixaa ilmaan namaa keessaa footee balleessita. Yoo waan hamaa sitti yaadan, yoo dharallee sitti muran isaan hin milkaayan. Ati eboo isaanitti mirmirfatta;, gara duubaa deebi'an. Yaa Rabbi! jabeenna keetiin uf mudhisi; hunna kee jaba'aaf si janya; si faarfanna. Waaqa kiyya! Waaqa kiyya! maaf na dhiifte? maaf na oolchuu didde? laagaa worwaata kiyyaa irraa maaf fagaatte? Waaqa kiyya! guyyaa gara kee iyya; halkanillee hara hin baafadhu; ati garuu naa hin deebiftu. Ati Waaqa woyyuu worri Israa'elii galatoonfatu; ka teessoo ulfinnaa irra teettee bulchitu. Abbootiin teenna ta durii si hedatan; waan si hedataniif atillee isaan oolchite. Hennaa gara kee iyyatan isaan oolchite; sitti waan amananiif isaan hin salphifne. Ani garuu raammoo nama maraa gadiiti; namoonni natti baldan; banii birattillee ani tuffatama'a. Namni na laalu maruu natti balda; mataa natti sochoosan; akkana jedha'aa na riqan. Afaan ufiitiin, «Inni waan Rabbitti abdateef, mee isa haa oolchuu, yoo ka jaalatuun ta'e mee isa haa hambisuu» jedhan. Ati garuu gadaamessa keessaa na baafte; hennaa ani daa'imumma'atti harma haadha tiyyaa hodhu ati hedoo naa taate. Guyyaa dhaladhe irraa jalqabee ka na eege si'i; guyyaa dhaladhe irraa jalqabee ati Waaqa kiyya. Rakkoon waan na irra gayeef, ka na gargaaru waan hin jirreef na irraa hin fagaatin! Korommiin baay'een na marsan; sangoonni Baasaanii jajjaboon naannaya kiyya dhaabatan. Akka leenca waan nyaatu dhadhoolee butu'uuf aaduutitti diintonni tiyya afaan natti banan. Hunni kiyya dadhabee akka bisaanii jige; lafeen kiyya maruu wol gad dhiisee addaan baye; onneen tiyya akka gaga'aa taatee; na keessatti baxxe. Laagaan kiyya akka faaraa goge; arrabni kiyyallee laaga'aan wolitti na maxxane; ati gara biyyee awwaalaa na buufte. Sariin na marsan, gumiin worra hammeeyyi'ii naannaya kiyya hiriiraniiran; lukaa fi harka kiyyallee woraananiiran. Lafeen kiyya maruu tokko tokkoon laakkayame, diintonni tiyya xiinxallanii na laala'aa natti baldan. Uffata kiyya hin qoodaman; qambisaa kiyyallee hixaa itti buufatan. Yaa Rabbi! ati garuu na irraa hin fagaatin; gargaaraa kiyya! dafii na gargaari. Lubbuu tiyya guraade'ee fi harka sariin kanniinii jalaa na oolchi. Afaan leencaa irraa na oolchi; gaafa gafarsaa ka nama woraanu jalaa na baasi. Guddinna maqaa keetii obboleewwan tiyyatti hima; gumii keessatti si galatoonfadha. Isin worri Rabbiin sodaattan isa galatoonfadhaa'a! isin fiixaan Yaaqoobii maruu isa kabajjaa'a! baniin Israa'elii maruu isa sodaadhaa'a! Inni rakkinna nama rakkateetitti hin cadhifne; haala inni keessa jiru keessattillee itti hin cadhifne; fuula ufii isa irraa hin deebifanne; iyya inni gargaarsaaf iyyatullee hin dhagayeef. Waan ati naa gooteef gumii baay'ee keessatti si galatoonfadha; worra si sodaatan afo'ottillee woreega kenna. Hiyyeeyyiin haga quufanitti nyaatan; worri Rabbiin soqan isa galatoonfatan; garaan keessan bara jireenna keessanii maraa haa gammadu. Namoonni daangaa ardi'ii maruu hin hubatan; gara Rabbii deebi'an; baniin adunyaa irra jiru maruu isaaf sagadan. Mootummaan ta Rabbiiti; ka banii bulchu isa. Dureeyyiin marti hin sagadaniif; worri lubbuu ufii tursiisuu hin dandeenne; worri gara biyye'ee deebi'u maruu; isa afo'otti jilbiiffatan. Dhaloonni dhufu isa tajaajila; dhaloota dhufuttillee waan Goofta'aatitu himama. Waan isaan hujii balchaa labsaniif «Inni kana godhe» jedhanii namoota haga ammaa hin dhalannetti himan. Rabbi tissee kiyya; womaa hin dhabu. Raasaa magariisa keessatti hara na baafachiisa; gara garba bisaanii na geessa; Jireenna kiyya hin haarawoomsa; maqaa ufiitiif jedhee karaa balchumma'aa irra na masakka. Yoma dhooqa gaaddidduu du'aa keessallee deeme, ati waan na woliin jirtuuf, waan hamaa hin sodaadhu; uleen teetii fi bordoon tee na jajjabeessan. Uduu diintonni tiyya argan waan nyaataa naa qopheessite; mataa kiyya dhadhaa dibde; mijuun tiyya guuttee irra jiddi. Bara jiraadhu maraa arjumma'aa fi araarri kee shakkii malee na duukaa ta'an; ani mana Rabbii keessa baraa haga bara baraa jiraadha. Ardiinii fi wonti isii irra jiraatu maruu; adunya'aa fi wonti isii keessa jiraatu maruu ka Rabbiiti. Inni ka galaana irratti lafa hundeesse; ka bisaan irratti isii jabeesse. Gara gaara Rabbii eentu bayuu danda'a? hulee woyyuu isaa irra hoo eentu dhaabata? Ka harka qulqullu'uutii fi ka garaa qajeelaa qabu; ka lubbuu ufii waan sobaatiif hin kennine. ka sobaan hin kakanne. Namni akkanaa kun Rabbiin biraa eebba, Waaqa qorsa ufii irraa araara argata. Ka gara Rabbii dhiyaatuu fi ka Waaqa Yaaqoobii soqu ka akkanaa kana. Isin karriti maruu banamaa'a; isin balballan bara baraa; akka mootiin ulfinnaa seenu ol siiqaa'a. Mootiin ulfinnaa kun eennu? Rabbii jaba'aa fi gudda'a; Rabbii lolatti jaba'aati. Isin karriti maruu banamaa'a; isin balballan bara baraa; akka mootiin ulfinnaa seenu ol siiqaa'a. Mootiin ulfinnaa kun eennu? Waaqa banii maraati; Inni mootii ulfinnaati! Yaa Rabbi! yaada garaa kiyyaa gara kee dhiyeessa. Waaqa kiyya! ani si abdadha; yabo'oo na hin saalfachiisin; diintonni tiyyallee akka natti uf hin janye. Worri si abdatan sirima hin saalfatan; worri si hin abdanne garuu hin salphatan. Waandhana! akka karaa kee beeku na taasisi; daandii kee na barsiisi. Ati fayyisaa kiyya; Waaqa kiyyalle'e; dhugaa keetiin na masakki; na barsiisi; guyyaa guutuu si abdii godhadheeraa. Yaa Rabbi! araaraa fi jaalala bara baraa ka dur irraa jalqabdee mudhifte qaabadhu. cubbuu ijoollummaa kiyyaa; yakka kiyya natti hin laakkayin! akka baay'inna arjummaa keetiititti haguma araara keetiitiin na yaadadhu. Rabbi misha'aa fi qajeela'a, kanaafuu cubbamtoota karaa deemuu isaan barbaachisu isaan barsiisa. Rabbi worra gad uf qabu karaa haqaa isaan masakka; worra kasoo karaa ufiillee isaan barsiisa. Worra waada'aa fi seera isaa eegan; karaan Rabbii maruu dhuga'aa fi arjumma'a. Yaa Rabbi! ulfinna maqaa keetiitiif jedhii baay'inna cubbuu kiyyaa naa dhiisi. Namni Rabbiin sodaatu eennu? Inni karaa ufii barbaadeen isa barsiisa. Inni hennaa maraa duroomee jiraata; fiixaan isaallee biyya dhaalan. Rabbi worra isa sodaataniif hunna; waadaa isaanii gale hin raawwata. Inni miila kiyya siiboo jalaa waan baasuuf hennaa maraa ijji tiyya gara Rabbii laalti. Waandhana! ani rakkata'aa fi nama hojja jiru waan ta'eef gara kiyya deebi'ii garaa naa laafi. Rakkoon garaa kiyyaa baay'ateera dhiphinna keessaa na baasi. Rakko'oo fi dadhabbii kiyya laali; cubbuu kiyya maraa naa dhiisi. Diintonni tiyya hagam akka baay'atan laali; hagam akka mararfatanii na jibban laali. Na eegi; na oolchi; ani waan sitti irkadheef na hin salphisin. Ani waan si abdadheef; amanamummaanii fi qajeellummaan naa haa eeganii. Waandhana! Israa'eliin rakkoo maraa jalaa oolchi! Yaa Rabbi! Ani waan mudaa hin qabneef atumti naa murteessi; asii fi achi hin jedhu; Rabbiin abdadheera. Yaa Rabbi! na qori; fedhii kiyyaa fi yaada kiyya laali. Jaalalli kee ka bara baraa na afo'oo hin badu; amanamummaan kee waan karaa natti mudhisuuf. Ani worra sobu woliin hin teenne; worra fakkeessu woliinillee wol hin taane. Ani gumii worra waan hamaa hojjatuu hin jibbe; worra hammeeyyii woliin taa'uu hin feene. Yaa Rabbi! ani akka cubbuu hin qabne mudhisu'uuf harka dhiqadha; hulee ciinca'aa kee irra naannaya. Laagaa faaruu galataa dhagayu'uuf; maalalee kee odeessu'uuf. Yaa Rabbi! ani mana ati keessa jiraattuuf; hulee kabajjaanii fi ulfinni kee jiru jaaladha. Worra cubbamtootaa ka dhiiga namaa jissan woliin lubbuu tiyya hin balleessin; jireenna kiyyallee hin balleessin. Harki isaanii waan hamaa huju'uun ka beekkame; harka ufii ka mirgaatiin gabbarsuu fudhatan. Ani garuu jireenna mudaa hin qabne jiraadha; naa araarami; na oolchi! Miilli kiyya lafa diriiraa irra dhaabateera; gumii gugurdaa Rabbii maraa afo'otti Rabbiin galatoonfadha. Rabbi ifa kiyyaa fi qorsa kiyya; eentu na sodaachisa? Rabbi lubbuu tiyyaa waan dawoo ta'eef; eennuun sodaadha? Foon kiyya nyaachu'uuf; hammeeyyiin hennaa dhufan; hennaa diintonni tiyya natti ka'an sakaallamanii kufan. Yoma loltoonni na marsanuu garaan kiyya hin sodaatu; yoma woraanni natti ka'ellee onneen tiyya guutu'u. Ani Rabbiin waan tokko kadhadha; isiillee hin barbaada; bara jireenna kiyyaa maraa mana Rabbii keessa jiraachuu; bareedaa fi ulfinna isaa maalalee inni godhu laalu'uu fi akka mana woyyuu keessatti isa kadhachuu danda'u. Inni hennaa rakko'oo; gaaddisa ufii jalatti waan na dhossuuf; mana woyyuu ufii keessatti na dhossa; dhagaa qarsa'aa irra na dhaaba. Ani amma diintota na marsan irratti ulfinna argadha; gammachu'uun ililfata'aa mana woyyuu isaa keessatti ciincaa dhiyeessa; faaru'uun Rabbiin jajadha. Yaa Rabbi! hennaa iyyee si kadhadhu naa dhagayi; garaa naa laafi; naa dhagayi. Onneen tiyya «Fuula isaa soqi» naan jette; yaa Rabbi! ani fuula kee soqa. Yaa Waaqa fayyisaa kiyya! fuula kee na hin dhoffatin; ana tajaajilaa keetiin loltee uf biraa na hin fageessin; yoomillee ati gargaaraa kiyya waan taateef na hin dhiisin; na hin gatin. Yoma abbaan kiyyaa fi haati tiyyallee na dhiisan, Rabbi na simata. Yaa Rabbi! karaa kee na barsiisi; sababaa diintota tiyyaatiif jedhii ati karaa qajeelaa na deemsisi. Worri dharaan waan hamaa na irratti ragu waan na irratti ka'aniiraniif; fedhii diintota kiyyaatiif dabarsitee na hin kennin. Haga biyya worri jiraattotaa irra jiraatan irra jiru, ani mishummaa Rabbii akka argu hin amana. Rabbiin abdadhu; jabaadhu; abdii hin kutatin; Rabbiin abdadhu. Yaa Rabbi! si waamadha; Ati naa goda jaba'aa; dhageettee akka waan hin dhageennee natti hin ta'in; yoo ati naa hin dhageenne akka nama du'ee ta'a. Hennaa gargaarsaaf gara kee iyyu; gara mana woyyuu keetii, hennaa harka kiyya diriirse; kadhaa kiyya naa dhagayi. Uduu garaa isaanii keessa hammeenni jiru; worra hiriyyoota ufii woliin nagaya dubbatan; worra hammeenna hojjatanii fi worra didaa woliin harkiftee na hin fudhatin. Hammeennaa fi yakka isaan hojjataniitiif gatii hammeenna isaanii ta'u isaanii kenni; akka hujii isaaniititti isaanii deebisi. Waan hujii Rabbiitiif hajaa hin qabneef; waan hujii harka isaatiifillee hulee hin kennineef; Inni isaan diiga; deebisee isaan hin ijaaru. Kadhaa kiyya waan naa dhagayeef Rabbiin galanni haa gawu. Rabbi hunna kiyyaa fi wontee kiyya; inni waan na gargaaruu fi waan na gammachiisuuf isa hedadha; garaan kiyyallee hin usheexxa; faaruu kiyyaanillee isa galatoonfadha. Rabbi banii ufiitiif hunna; ka muudee moosiseef dawo'o. Yaa Rabbi! banii kee oolchi; worra kee ta'e eebbisi; tissee isaanii ta'i; baraa haga bara baraa isaan eegi. Isin jajjaboonni Rabbii keennaa; ulfinnaa fi galata Rabbii fidaa'a. Maqaa Rabbiitii ulfinna ta'u kennaa'a; gaachena woyyummaa isaatiif Rabbii sagadaa'a. Laagaan Rabbii galaanota irra; Waandhi ulfinnaa gigisse; Rabbi galaanota gugurdaa irratti gigisse. Laagaan Rabbii jaba'a; laagaan Rabbii ulfinna. Laagaan Rabbii birbirsa cabsa; Rabbi birbirsa Libaanosii caccabsa. Gaarran Libaanosii akka waati'ii, gaara Siiriyoonii akka waatii gafarsaatitti utaalchisa. Laagaan Rabbii arraba ibiddaa facaasa; Laagaan Rabbii lafa udume'ee raasa; gammoojjii Qaadesiillee hin hollachiisa. Laagaan Rabbii qilxuu raasa; araddaa cira; maruu mana isaa woyyuu keessa taa'anii, «Ulfinni Rabbiif haa ta'u!» jedhan. Rabbi galaana guddaa ajaja; mootummaan isaallee baraa haga bara baraati; Rabbi banii ufiitii hunna kenna; Rabbi banii ufii nagayaan isaan eebbisa. Yaa Rabbi! waan gadii ol na kaafteef; diintonni tiyya akka natti hin gammanne waan gooteef; ulfinna sii kenna. Rabbi Waaqa kiyya! akka na gargaartu sitti iyyadhe; atillee na fayyifte. Rabbii kiyya! lubbuu tiyya asaaba keessaa baafte; gara boollaallee akka hin buune deebiftee jiraataa na taasifte. Isin woyyoonni Rabbii faarfadhaa'a; maqaa isaa woyyuu jajaa'a! Inni hennaa diqqo'oof lola; arjummaan isaa garuu baraa haga bara baraati; halkan yoo booya'aallee bulan; bariisaa gammachuun hin dhufa. Ani akka wobii qabu waan beekeef «sirimaa hin raafamu» jedhe. Yaa Rabbi! gaachena keetiin gaarran kiyya jabaatan; hennaa fuula kee na dhossite garuu keessi kiyya hin raafame. Yaa Rabbi! ani si waame; araara keellee si kadhadhe. Ani yoo du'ee awwaalame maal si fayyada? biyyeen si galatoonfataa? amanamummaa kee hoo attamitti himuu danda'a? Yaa Rabbi! naa dhagayi; garaa naa laafi; Yaa Rabbi! na gargaari. Ati gadda kiyya gara gammachu'uu jijjiirte; manshitaa kiyyallee na irraa balleessite; uffata gufufaa na irraa mulqitee gammachuu natti uwwifte. Eeganaa ani hin cadhisu; faaruu galataa sii dhiyeessa; Yaa Rabbi! Ati Waaqa kiyya; kanaafuu baraa haga bara baraa si galatoonfadha. Yaa Rabbi! akka ati irkoo naa taatuuf gara kee dhufe; kanaafuu na hin saalfachiisin; balchummaa keetiin na oolchi. Gooftaa kiyya na dhagayii; daddafii gara kiyya koottuu na oolchi; irko'oo fi kushee jabaa ta'ii na oolchi. Ati irko'oo fi kushee kiyya; maqaa keetiif jedhii na masakki; karaa deemullee natti mudhisi. Ati waan irkoo kiyya taateef siiboo diintonni tiyya naa dhaabde jalaa na baasi. Yaa Rabbi! Waaqa dhuga'aa! ani lubbuu tiyya sitti kennadhaa na oolchi. Ati worra waaqa tolfamaa gatii hin qabne waaqeffatan maraa hin jibbita; ani garuu si hedadha. Ati rakkoo kiyya argitee lubbuu tiyya dhiphinna jalaa waan oolchiteef araara keetiin gammada'aa burraaqa. Diintotatti dabarsitee na hin kennine; miila kiyya hulee badhaa irra dhaabde. Yaa Rabbi! waan rakkoo irra jiruuf naa araarami; ijji tiyya, lubbuun tiyyaa fi foon kiyya gaddanii dadhabaniiran. Jireenni kiyya gaddaan, umuriin kiyyallee woyatu'uun dhumate; sababaa rakko'ootiin hunna dhabe; lafeen tiyyallee na keessatti baxxe. Ani diintota tiyyaaf nama baldaati; ollaa kiyyaa naasu'u; worri na beekan na dheessan; yoo kara'atti na argan na irraa dheessan. Akka nama du'ee irraanfatame; akka meeshaa faaraa ka caccabee gataniititti laakkayame. Ani hasaassii namoota baay'e'ee dhagaye; kolba maraanuu soda'atu jira; natti mari'atanii na ajjeessu'uuf karoorfatanii wolii galan. Yaa Rabbi! ati Waaqa kiyya; ani si abdadhe. Ani hennaa maraa harka kee keessa jira; namoota na ari'anii fi diintota tiyya maraa jalaa na oolchi. Gara garbicha keetii seeqata'aa laali; jaalala kee ka bara baraatiin na oolchi. Yaa Rabbi! hennaa si waamu na hin saalfachiisin; worri hammeeyyiin mullanii asaaba bu'anii cal haa jedhan. Qajeellummaa irratti boonaa fi tuffi'iin uf jaju'uun waan dubbatuuf afaan isaanii ka dhara dubbatu cadhisiisi. Namoota si jalatti dhokatu'uuf, gara kee dhiyaatan maraa afo'otti mishummaan worra si sodaatuuf qopheessite hagam gudda'a! Namoota waan hamaa isaan irratti mari'atan jalaa gaaddisa mana keetii jalatti isaan dhossita; arraba hadhaa isaanii jalaallee isaan golgita. Qachattii marfamte keessatti Rabbiin araara ufii ka maalale'ee naa baay'ise haa eebbifamu. Ani waan nayeef waan ati uf irraa na fageessite seeye; garuu hennaa gargaarsa araaraatiif sitti iyyadhe iyya kiyya naa dhageette. Isin worri woyyoomtan maruu Rabbiin jaaladhaa'a; Rabbi amanamtoota hin tissa; worra uf jajan garuu sirima haluu isaan baya. Isin worri Rabbiin abdattan maruu jabaadhaa'a; cimaa'a. Namni cubbuun isaa dhiifameefii fi ka yakki haqameef attam eebbifama'a! Namni Rabbi cubbuu itti hin laakkofnee fi ka fakkeessaa irraa fagaate ka eebbaati. Guyyaa guutuu waan wixxifata'aa ooluuf hennaa cadhise lafeewwan tiyya hin balla'an. Halkanii fi guyyaa akka malee na adabde; akkuma wonti jiidhaan oo'a bonaatiin gogu hunni kiyya sirimaa na dhumate. Hennaa san cubbuu kiyya sitti himadhe; yakka kiyyallee si jalaa hin dhoffanne; balleessaa kiyya maraa sitti himachu'uuf murteesse; atillee cubbuu kiyya maraa naa dhiifte. Kanaafuu woyyuun maruu; hennaa rakko'oo si kadhata; lolaan bisaan badi'ii yoo dhufe isa hin tuqu. Ati kushee kiyya; waan hamaa jalaa na eedda; ka na marse jalaa waan na baafteef gammachuu gudda'aan si faarsa. Rabbi akkana jedheen, «Ani si barsiisa; karaa ati deemtu sitti mudhisa; si gorsa; si eega» Ati akka fardaa fi gaangee womaa hin hubannee hin ta'in; isaan yoo fuulo'oo fi lugaamaan ufitti harkisan malee gara keessan hin dhiyaatan. Rakkoon cubbamtootaa baay'e'e; worra Rabbiin hedatu garuu inni jaalala bara baraatiin golga. Isin balchoonni Rabbiin gammadaa'a; usheexxaa'a isin worri yaada qajeela'aa ililfadhaa'a! Isin balchoonni! Rabbiin gammadaa'a; worri qajeelaan isa galatoonfachuu barbaachisa. Rabbiin masiinqo'oon galatoonfadhaa'a; kiraara sagalee guddaa dhageessisu ka haada kudhan qabuun isa faarsaa'a. Faaruu haarawaan faarsa'aanii! meeshaa laagaa qabuun haala misha'aan faarsaa'a; gammachu'uun ililfadhaa'a. Dubbiin Rabbii waan dhugaa ta'eef; hujiin isaa maruu amanama'a. Inni balchumma'aa fi haqa jaalata; lafti mishummaa isaatiin guuttamte. Rabbi jecha ufiitiin samiiwwan uume, ajaja jecha isaatii urjiiwwan sami'ii uumaman. Galaana maraa hulee tokkotti wolitti qabe; galaannan xiilla'aafillee hulee qopheesse. Worri ardii irra jiraattan maruu Rabbiin sodaadhaa'a; baniin ardii irra jiraattan maruu Rabbiin kabajjaa'a. Dubbii isaatiin adunyaan uumamte; ajaja isaatiin wonti maruu jabaatee dhaabate. Rabbi gorsa bani'ii duwwaa taasisa; karoora bani'iillee hin gachisiisa. Karoorri Rabbii garuu baraa haga bara baraa jiraata; kaayoon isaallee dhaloota maraaf. Baniin Rabbi Waaqa ta'uuf ka eebbaati; baniin Rabbi ka ufii godhee filate ka eebbifame. Rabbi sami'ii gad laala; ilmaan namaa maraa hin arga. Teessoo ufii irra taa'ee waan ardii irra jiru maraa hin laala. Ka garaa isaanii maraa uume isa; waan isaan hojjatan maraa hin arga. Mootichi baay'inna loltootaatiin hin oolu; jabaanillee hunna ufiitiin jalaa hin bayu. Fardillee gatii hin qabu; nama hin oolchu; jabeenna hunna ufiitiin jalaa hin bayu. Ijji Rabbii gara namoota isa sodaataniitii fi gara worra araara isaatitti amananiiti. Akka kanaan lubbuu isaanii du'a jalaa oolcha; hennaa beelaa isaan nyaachisa. Lubbuun teenna Rabbiin abdii godhatti; inni waan wonte'ee fi gargaaraa keenna ta'eef. garaan keenna waan isaan gammaduuf maqaa isaa woyyuullee hedanneerra. Yaa Rabbi! arjummaa kee nu'uu worra si abdate irra haa taatu. Hennaa maraa Rabbiin galatoonfadha; galanni isaa hennaa maraa afaan kiyya keessa jira. Garaa guutu'uun Rabbiin dhaadadha; worri kasoon kana dhagayanii gammadan! Kootta'aa guddinna Rabbii na woliin beessisaa'a; tokkumma'aan maqaa isaa haa kabajjinuu. Rabbiin gargaarsa gaafadhe; Innillee naa deebise; sodaa maraa irraa na oolche. Gara isaa dhiyaadhaa'a inni isinii ibsaa; lamuu hin saalfattan. Rakkataan kun iyyee kadhate; Rabbillee hin dhagayeef; rakkoo maraa keessaa isa baase. Maleekkonni Rabbii namoota isa sodaatan hin eegan; isaan marsanii miidhaa maraa jalaa baasan. Rabbi arjaa akka ta'e mi'eeffadha'aa laalaa'a; ka isa hedatu eebbifama'a. Namni isa sodaatu maruu womaa waan hin dhabneef isin woyyoonni maruu Rabbiin sodaadhaa'a. Dureeyyiin hiyyoomatanii beelayan; Worri Rabbiin barbaadan garuu wonti mishaan maruu isaan jalaa hin hanqatu. Ijoollee tiyya! koottaa na caqasaa'a; Rabbiin sodaachuu isin barsiisaa. Isin keessaa ka bara dheeraa jiraatee waan mishaa arguu hawwu eennu? Afaan kee waan hamaa irraa dhooggi; arraba kee fakkeessaa dubbachuu irraa eegi. Waan hamaa irraa dheessi; waan mishaa godhi; nagaya barbaadi; faanaa deemi. Ijji Rabbii gara worra balcha'aa laalti; gurri isaallee kadhaa isaanii dhagaya. Yaadannoo isaanii lafa irraa balleessu'uuf; fuulli Rabbii gara worra hammeeyyi'iiti. Worri balchaan Rabbitti iyyatan; innillee isaanii dhagaye; rakkoo maraa keessaa isaan baase. Rabbi worra garaan isaanii gaddetti dhiyo'o; worra womaa abdii hin qabne hin oolcha. Rakkoon worra balcha'aa baay'e'e; Rabbi garuu sanniin maraa keessaa isaan baasa. Rabbi lafee isaanii maraa hin eega; isaan keessaa tokkollee hin cabu. Cubbamtoota hammeenni isaanii isaan ajjeessa; worra balchaa jibban maraa itti murteessa. Rabbi tajaajiltoota ufii jireennaan isaan jiraachisa; ka isa irkoo godhate itti hin murtaayu. Yaa Rabbi! worra na mormuun mormi; worra naan lolaniin loli. Wontee gudda'aa fi diqqaa qabadhu, na gargaaru'uuf ka'i. Worra na ari'anitti ebo'oo fi guraadee kee luqqifadhu; lubbuu tiyyaan, «Ka si oolchu ana» jedhi. Worra na ajjeessu'uuf na soqu maraa irra salphinni haa gayu; haa salphatan! worri na balleessu'uuf mari'atan maruu mullanii duuba haa deebi'an. Isaan akka buraa bubbeen fuutee deemtuu haa ta'an; maleekkaan Rabbii isaan haa ariitu. Hennaa maleekkaan Rabbii isaan ari'e; karaan isaanii dukkanaa fi mucuca haa ta'u! Akkanumaan na balleessu'uuf siiboo dhossanii na jala dhaabaniiran; sababaa tokko malee lubbuu tiyya balleessu'uuf boolla naa qotaniiran. Siiboon isaan hin beenne isaan haa qabu; siiboon isaan dhaabanillee isaan haa qabu; boolla ufii qotanitti kufanii haa badan! Lubbuun tiyya Rabbiin gammaddi; waan isii fayyiseef hin burraaxxi. Lafeen tiyya maruu akkana siin jetti; Yaa Rabbi! ka akka keetii eennu? ka rakkataa saamtuu harkaa baaftu. Worri ragaa dharaa ragan hammeeyyiin natti ka'anii waan ani hin beenne na gaafatan. Waan misha'aaf hammeenna naa deebisan; anaa fi ijoollee tiyya adda kutan. Ani hennaa isaan dhukkubsatan uffata gaddaa uffadhe; nafa kiyyallee soomaan miidhe; kadhaan kiyya deebii hin arganne. Ani akkuma obboleessaa fi jaalalloo kiyyaa godhu wirtaaya'aa booye; akka waan haadha tiyyaa booyuutitti gaddaan mataa gad qabadhe. Isaan garuu hennaa ani gufadhe wol gayanii gammadan; dhartoonni dimmaa na irratti wol gayan; hara baafannaa malee na cicciran. Akkuma womaa womte'ee isaanillee na irratti balda'aa; ilkaan natti ciniinnatan. Yaa Rabbi! haga yoomii cadhiftee na laalta? lubbuu tiyya hujii isaanii hamaa irraa, lubbuu tiyya takkattii tana leenca jalaa oolchi. Rabbii kiyya gumii guddaa keessatti si galatoonfadha; banii heddu jiddu'utti si jajadha. Diintota sababaa malee na jibban; akka gammadan hin godhin; na duuba deebi'anii akka qubaan na mudhisan hin godhin. Dubbiin nagayaa afaan isaaniitii hin bayu; worra nagayaan biyya keessa jiraatanitti dhara xaxan. «Si baga! si baga! argineerra!» jedha'aa afaan natti banatan. Yaa Rabbi! ati waan kana argiteerta; kanaafuu Gooftaa kiyya! hin cadhisin; na irraa hin fagaatin. Gooftaa'a; Waaqa kiyya! ka'ii na irraa dhooggi; naa murteessi. Rabbi Waaqa kiyya! akka balchummaa keetiititti dhuga'aan naa murteessi diintonni tiyya akka natti hin gammanne. «Kunoo wonti nu jenne gaye jedhanii akka yaadan; nu isa mooyanneerra!» akka jedhan hin taasisin. Worri sababaa rakkoo kiyyaatiif gammadanii xiinxallanii na laalan maruu haa saalfatanii; haa dhama'anii; worri natti uf jajan maruu mullanii salphinna haa uffatan. Worri haqa argachuu kiyya jaalatan; haa gammadanii; haa burraaqanii; worri nagaya garbichaa jaalatu maruu hennaa maraa «Rabbi gudda'a!» haa jedhanii. Arrabni kiyya balchumma'aa fi galata guyyaa guutuu dubbata. Namni hamaan hennaa maraa uf keessatti waan hamaa yaada; sodaan Rabbii isa bira hin jiru. Inni yakka ufii argee akka hin jibbine; akka yaada ufiititti ufumaa guddisee uf soba. Dubbiin isaa ka hammeennaa fi dharaan guutame; waan mishaa maraa godhuu hin danda'u. Siree ufii irratti daba yaada; karaa hamaa irra dhaabateera; hammeenna hin tuffatu. Yaa Rabbi! jaalalli kee ka bara baraa haga sami'iiti; dhugaan keellee duumessa bira gaya. Yaa Rabbi! balchummaan kee akka gaarranii guddisee ol fagaata; murteen kee akka galaana gad fago'ooti; namootaa fi busaayaa waan hamaa jalaa oolchita. Waandhana! jaalalli kee ka bara baraa hagam kabajjama'a! ilmaan namaa koola gaaddisa keetii abdatan. Mana keetitti nyaata guddaa ati isaanii kennite nyaatan; eebba kee ka akka galaanaa yaa'u irraa dhugan. Burqaan jireennaa si biraa waan ta'eef ifa keetiin ifa argina. Jaalala kee ka bara baraa worra si beeku irratti; balchummaa kee worra garaa qajeela'aa irra diriirsi. Lutti nama uf jajuu na irra hin ijjatin; harki nama hama'aa na hin ari'in. Hammeeyyiin akkamitti akka kufan laali; kufaniiran; ka'uu hin danda'an. Waan hammeeyyiin godhan argitee hin biibbayin; worra hamaa hojjatanittillee hin hinaafin. Isaan akka margaa daddafanii gogan; akka baalaa quuran. Rabbiin abdadhu; waan mishaa godhi; lafa irra jiraadhu; amanamumma'aan bobba'i. Rabbitti gammadi; Inni fedha garaa keetii maraa sii kennaa. Karaa kee Rabbitti yaboo kennadhu; isa hedadhu; hin milkooftaa. Balchummaa kee akka ifaa; haqa kee akka aduu guyya'aatitti ibsa. Rabbiin afo'otti cadhii obsaan eeggadhu; isa abdadhu; nama waan hamaa hojjatee milkaayetti hin hinaafin. Aariin gara waan hama'aa waan si geessuuf hin aarin; aarii irraa uf eegi. Worri waan hamaa hojjatan hin badan; worri Rabbiin abdatan garuu biyya dhaalan. Worri waan hamaa hojjatan dafanii badan; yoma soxxellee isaan hin argitu. Gara laafeyyiin garuu lafa dhaalan; nagaya guddaa argatanii usheexxan. Namni hamaan nama mishaa balleessu'uuf karoora hamaa baafata; jibbee hidhii ufii itti ciniinnata. Rabbi garuu isaanitti kolfa; guyyaa isaan itti badan waan beekuuf. Hiyyeeyyi'ii fi rakkataa kuffisu'uuf, worra jireenni isaanii qajeelaa ta'e ajjeesu'uuf, hammeeyyiin guraadee ufii luqqifatan; eboo ufiillee hin mirmirfatan. Guraadeen isaanii garuu garaa isaanii woraana; eboon isaaniillee hin cabdi. Wonti diqqaan balchaan qabu; qabeenna guddaa worri cubbamtootaa qaban caala. Hunni worra hammeeyyi'ii hin caba; worra balchaa garuu Rabbi hin gargaara; Rabbi bara jireenna qulqullootaa hin beeka; lafti isaaniillee baraa haga bara baraa jiraata. Bara hammeennaallee mataa gad hin qabatan; bara beelaallee quufanii jiraatan. Cubbamtoonni garuu hin badan; diintonni Rabbii akka daraaraa lafa gammoojji'iititti harca'an; akka aaraa bittinnaayan. Cubbamaan hin liqeeffata; garuu hin deebisu; balchaan garuu hin kenna. Worri Rabbi eebbise lafa dhaalan; worri Rabbi abaare garuu hin badan. Jireenna namaa Rabbitu jabeessa; deemsa isaatittillee Inni hin gammada. Yoo gufatellee hin kufu; Waan Rabbi harka ufiitiin isa irkisuuf. Ani ka'ima ture; amma jiraadheera; garuu hennaa namni balchaan gatamu; fiixaan isaa yoo nyaata kadhatan sirima hin argine. Hennaa maraa hin kenna; hin liqeessa; ijoolleen isaallee ta eebbaati. Waan hamaa irraa fagaadhu; waan mishaa godhi; lafa tee irra bara baraan jiraattaa. Rabbi waan murtii haqaa jaalatuuf; amanamtoota hin gatu; haga bara baraa isaan eega; fiixaa cubbama'aa garuu hin balleessa. Worri balchaan lafa dhaalan; baraa haga bara baraa isii keessa jiraatan. Afaan nama balcha'aa ogummaa barsiisa; arrabni isaa haqa dubbata. Seerri Waaqa isaa garaa isaa keessa; lutti isaallee hin gufattu. Hamaan balchoota ajjeessu'uuf riphee eega. Rabbi garuu dabarsee harka diina isaatitti isa hin kennu; murtii afoo yoo dhiyaatullee akka mooyatamu hin taasisu. Abdii kee Rabbiin irra godhi; ajaja isaa eegi; lafa si dhaalchisu'uun si kabajjaa; hennaa worri hammeeyyiin badan hin argita. Namni hamaanii fi garjabeessi akka birbirsa libaanosii ka laliseeru arge. Hennaa deebi'u garuu barbaadee hule'ee isa dhabe. Nama qulqulluu xiinxalli laali; nama qajeelaa hubadhu; namni nagayaa waan abdii qabuuf. Cubbamtoonni garuu sirima badan; fiixaan isaaniillee hin cita. Fayyinni worra balcha'aa Rabbiin biraa dhufa; hennaa rakko'oollee irkoon isaanii Isa. Rabbi isaan gargaara; isaan oolcha; hammeeyyii harkaa butee isaan baasa; waan Isa irkoo godhataniif isaan oolcha. Yaa Rabbi! lola keetiin na hin xixin; lola kee gudda'aanillee na hin adabin. Eboo keetiin na woraanteerta; harka kee jaba'aan na dhoofteerta. Sababaa lola keetiitiif nafti kiyya fayyaa hin qabu; sababaa cubbuu tiyyaatiif lafeewwan kiyya nagaya hin qaban. Cubbuun kiyya waan natti guddateef, akka ba'aa gudda'aa natti ulfaateera. Sababaa ceem'aa kiyyaatiif madaan kiyya shamee ajaaye. Guddisee miidhamee salphadhe; ani hennaa maraa gadda'aa jiraadha. Mudhii kiyya akka ibiddaa na guba; nafni kiyya maruu fayyaa dhabe. Dhibamee guddisee rakkadhe; sababaa rakkoo kiyyaatiif hin worwaadha. Gooftaa! hawwii kiyya maraa hin beetta; worwaanni kiyya si jalaa hin dhokanne. Onneen tiyya akka malee dhayatti; hunni kiyya dadhabeera; ijji tiyyallee arguu dadhabde. Worri na jaalatanii fi goshoonni tiyyallee madaa kiyyaaf na dheessan; firtoonni kiyyallee na irraa siiqanii dhaabatan. Worri na ajjeesuu barbaadan siiboo na jala diriirsan; worri na miidhu'uuf karoorfatan dhaadatanii guyyaa guutuu na irratti mari'atan. Ani garuu akka nama gurri duudee hin dhageenneetii fi akka nama afaan duuda'aa ka dubbatuu hin dandeennee ta'e. Ani dhugamaan akka nama hin dhageenneetii fi akka nama deebii kennuu hin dandeennee ta'e. Yaa Rabbi! ani waan si hedadheef, Rabbi Waaqa kiyya! ati naa dhageetta. «Diintonni ija tuffi'iitiin akka na laalan hennaa lutti tiyya mucucaattu akka na irratti uf jajan hin godhin!» jedhee si kadhadha. Sababaa dhibeen natti guddateef gatantaree kufuu gayeera. Yakka kiyya hin himadha; cubbuun kiyya na jeeqa; Worri sababaa tokko malee diina kiyya ta'an worra jajjaba'a; worri uduu womaa hin beenne na jibbanillee heddu. Ani hujii mishaa waan hojjadheef bikka san waan mishaa naa deebisuu irra waan badaa naa deebisan, diina ta'anii natti ka'aniiran. Yaa Rabbi! na hin gatin; Waaqa kiyya! na irraa hin fagaatin. Waaqa fayyisaa kiyya! dafii na gargaari. Ani, «Arraba kiyyaa fi hujii kiyya cubbuu irraa hin dhoogga; hulee namni hamaan jiru maratti afaan kiyya lugaamadha» jedhee waadaa gale. Akka duuda'aa cadhise; waan misha'aafuu afaan qabadhe; ta'ullee rakkinni kiyya natti jabaate. Garaan na gubate; yaadaan ibiddi natti qabate; achiin maayessa dubbachuu jalqabe. «Gooftaa! dhuma kiyyaa fi baay'inna bara kiyyaa akka beeku na taasisi; umuriin kiyya hagam gabaabaa akka ta'e natti himi.» Ati bara kiyya haga taakku'uu gabaabsite; umuriin kiyya si biratti womattuu hin laakkayamu; dhugamaan jireenni namaa akka fixeensaati. Namni akka gaaddisaa lufa; qabeenna kuufata'aa duwwaa dadhaba; garuu eennu akka itti fayyadamu hin beeku. Amma abdiin kiyya eennu? Rabbii mitii? kanaafuu yaa Rabbi ani abdii kiyya si irra godhachuu malee maal godha? Cubbuu kiyya maraa irraa na oolchi; akka worri gowwaan natti baldan hin godhin. Kana maraa waan gooteef ani hin dubbadhu; hin cadhisa. Sababaa ati akka malee bala'aan na dhoofteef waan miidhameef balaa kee na irraa fageessi. Ati nama cubbuu isaatiif hin gorsita; hin adabda; waan inni jaalatullee akka rimmaa jalaa balleessita; dhugamaan namni fixeensa hin gawu. Yaa Rabbi! kadhaa kiyya naa dhagayi; iyya kiyyallee naa caqasi; booyicha kiyya argitee hin cadhisin; ani waan akkuma abboota tiyyaa keessumma'aa fi galaa ta'eef. Gara du'ee du'aa hin deebineetitti uduu hin deemne diqqoo akka gammadu yabo'oo naa obsi. Gooftaa akka na gargaaruuf obsaan eeggadhe; Inni gara kiyya deebi'e; kadhaa kiyyallee naa dhagaye. Boolla nama liqimsu; leephoo namaan citu keessaa na baase; miila kiyya dhagaa irra dhaabe; deemsa kiyyallee hin jabeesse. Jajuu Waaqa keennaa ta'u; faaruu haarawa afaan kiyya keessa kaaye; baay'e'etu arga; hin sodaata; Rabbiin abdata. Namni Rabbiin hedoo ufii godhate; ka gara worra uf jajuu hin laalle; ka gara worra waaqa sobaa faanaa deemuu hin laalle; nama eebbaati. Rabbii Waaqa kiyya! maalaleen ati goote baay'e'e; waan ati nuu karoorsite eennullee ka himee fixuu danda'u hin jiru hin odeessa; hin dubbadha yoo jedhe hagaa fi laakkobsa hin qabu. Ati ciinca'aa fi kennaa hin barbaanne; horii ciinca'aa ka cubbuu namaatiif ciincawu hin sondhe; gurra kiyya garuu hin bante. Kanaafuu ani, «Akkuma kitaaba seeraa keessatti wonti kiyya bareeffame; kunoo ani dhufeera. Waaqa kiyya! ani fedha kee raawwachuu barbaada; seerri kee garaa kiyya keessa jira» jedhe. Gumii yaa'ii guddaa keessatti dhugaa kee dubbadhe; ati balchummaa kiyya hin beetta; ani dubbachuu hin dhiisu. Ani jaalala kee ka bara baraa garaa kiyya keessatti hin dhossine; waan amanamumma'aa fi oolchuu keetii, dhugaa ta'uu kee banii hedduu hin dhossine. Yaa Rabbi! ati jaalala kee ka bara baraa na irraa hin fageessin; jaalallinii fi amanamummaa kee ka bara baraa na haa eeganii. Hammeenni hagaa fi laakkobsa hin qabne waan na marseeruuf baay'inni cubbuu kiyyaa waan na qabeeruuf; laaluu dadhabe; rifeensa mataa kiyyaa caalaa baay'ateera; qalbiin tiyyallee na ganteerti. Yaa Rabbi! yabo'oo na oolchi; Yaa Rabbi! dafii na gargaari. Worri na ajjeessu'uuf na soqan maruu haa mullanii; qaanayanii duubatti haa deebi'anii; worra miidhamuu kiyya hawwan salphinni isaan irra haa gawu. Worri kufuu kiyyatti «Hashu; hashu!» jedhan saalfatanii haa mullan. Worri si soqan maruu gammadanii haa burraaqan; worri akka ati fayyiftu barbaadan maruu «Rabbi gudda'a!» haa jedhanii. Waandhana! ani hiyyeessa rakkata'a; ati garuu na hin irraanfanne; Ati fayyisa'aa fi gargaaraa kiyya waan taateef ammallee dafii na dhaqqabi. Namni hiyyeeyyi'ii yaadu ka eebbaati; isaallee Rabbi guyyaa hamaa hin oolchaan. Rabbi isa eega; isa jiraachisa; lafa irrattillee isa eebbisa; diintota isaatittillee dabarsee isa hin kennu. Hennaa inni dhibamee siree irra ciisu hin kunuunsaan; hennaa dhibame fayyisee siree irraa kaasaan. Anillee «Yaa Rabbi! garaa naa laafi; waan si yakkeeruuf lubbuu tiyya fayyisi» jedheen. Diintonni tiyya worri waan hamaa na irratti dubbatan «Yoom du'a? maqaan isaallee yoom irraanfatamee hafa?» jedhan. Ka na gaafachu'uuf dhufu yoo jiraate, garaa ufii keessatti arraba qabatee; mormaa oliin dubbata; bayee oduu odeessa. Diintonni tiyya maruu garee uumanii waan kiyya wolitti hasaasan; akkana jedha'aa waan hamaa natti dhayan; «Dhibee hama'atu qabeeraan; ammaa achi hulee ciisee hin ka'u» jedhan. Ka na woliin nyaata qoodamee nyaate; jaalalloon kiyya ka dhiyo'oo ka ani hedadhu diina natti ta'e. Yaa Rabbi! garaa naa laafi; ani diintota kiyya akka haluu bayu fayyaa naa kenni; Diinni kiyya akka na mooyatetti waan hin hafneef; akka ati natti gammadde hin beeka. Ati akka qajeellummaa kiyyaatiif na gargaarta; baraa haga bara baraa afoo kee na jiraachifta. Rabbi Waandhi Israa'elii baraa haga bara baraa ka eebbifame haa ta'u! Amiin! Amiin! Waandhana! akkuma borofni burqaa bisaanii hawwu, anillee si arguu hawwa. Waaqa jiraataa'a! lubbuun tiyya akkuma bisaan dhuganiititti si dheebotti; ani yoom fuula kee argu'uuf gara kee dhufa? Diintonni kiyya yoo maraa «Waandhi kee eessa jira?» waan naan jedhaniif halkanii fi guyyaa waan booyuuf imimmaan kiyya akka nyaataa naa ta'e. Ani namoota baay'ee woliin isaan afoo deema'aa gara mana Rabbii dhaqa; worri ayyaana ayyaanteeffatan faarfata'aa ililfata'aa Rabbii galata galchan; ani akkaataa kanaan waan darbe hennaa yaadu ani guddisee gadda. Lubbuu tiyya! maaf gaddita? maaf na keessatti rakkatta? abdii kee Waaqa irra godhadhu; fayyisaa kiyyaa fi Waaqa kiyya waan ganaa galatoonfadhuuf; lubbuun tiyya na keessatti gadditeerti; kanaaf biyya Yoordaanosiititti; tulluu Armooni'eemiititti; gaara Miizaariititti si yaadadha. Laagaa fincaayaa keetii; gad fageenni tokko gad fageenna biraa waama; dambali'ii fi bubbeen maruu; guutumaan guutu'utti na irra gara gale. Rabbi guyya'aan jaalala ufii ka bara baraa kenna anillee halkan faaruu galataa isaa dhiyeessa; Waaqa jiraataa na jiraachisu hin kadhadha. Rabbii goda kiyyaan! «Maaf na irraanfatte? diintonni kiyya na rakkisa'aa ani maaf gadda'aa jiraadha?» jedhaan. Diintonni tiyya guyyaa guutuu « Waandhi kee eessa jira?» jedha'aa dubbi'iin na wowworaanan; lafeen tiyyallee hin bututte. Lubbuu tiyya maaf gaddita? maaf na keessatti rakkatta? abdii kee Waaqa irra godhadhu; fayyisaa kiyyaa fi Waaqa kiyya ganaa galatoonfadhaa. Waandhana! naa murteessi; banii sitti hin amanne afo'otti naa falmi; worra sobuu fi hammeeyyii jalaa na baasi. Waandhana! Ati hunna kiyya waan taateef maaf na dhiifte? uduu diinni na rakkisu maaf gadda keessa jiraadha? Ati dhuga'aa fi ifa kee naa ergi; isaan na firrisanii gara gaara woyyuu keetii gara mana woyyuu ati irra jiraattuu na haa fidanii. Waandhana! kanaan maayessa hulee ciinca'aa kee dhaqee si'ii na gammachiiftuu sagada; Ati Waaqa kiyya; kiraara sagalee guddaa dhageessisuun si galatoonfadha. Lubbuu tiyya; maaf gaddita? maaf na keessatti raafamta? Waaqa qorsa kiyya ganaa waan galatoonfadhuuf abdii kee Waaqa irra godhadhu. Waandhana! gurra keennaan dhageenneerra; abboonni teenna bara durii, bara isaan turan waan goote nutti himaniiran. Banii harka keetiin ariitee isaan baafte; abboota teenna garuu isaan dhaabde; banii hin butuchite; abboota teenna garuu bilisa baafte. Lafa guraadee ufiitiin hin dhaalle; mootee ka argatan irree ufiitiinii miti; ati waan isaan jaalatteef harki kee ka mirgaa irreen teetii fi ifni fuula keetii waan kana godhe. Waandhana! ati mootii kiyya; akka Yaaqoob mooyatu ka murteesse si'i. Si'iin diintota teenna uf duuba deebifna; maqaa keetiin diintota teenna irra deemna. Ani eboo tiyya hin hedadhu; guraadeen kiyyallee na hin oolchu. Ati garuu diintota teenna jalaa nu oolchite; worra nu jibban hin saalfachiifte. Hennaa maraa Rabbiin dhaadanna; baraa haga bara baraa maqaa isaa galatoonfanna. Ati amma nu gattee nu salphifte; nu banii kee worra duulu woliin bayuu didde. Ati diintota teenna afo'oo akka dheessinu nu goote; diintonni teenna qabeenna qabnu maraa nu jalaa saaman. Akka hoolota qalmaaf oofamanii nu goote; banii gara garaa keessa nu bittinneessite. Banii kee gatii salpha'atti gurguratte; isaan gurguratte'eefillee bu'aa hin arganne. Ollaa keenna keessatti akka tuffatamnu, worri naannoo keenna jiran akka nutti baldanii fi akka nutti kolfan goote. Banii gara garaa keessatti worra mammaakaa nu goote; namoota jiddu'utti tuffi'iin worra mataa itti raasan nu goote. Ani hennaa maraa nama salphinnaati; guyyaa maraa salphinna keessa oola. Kun sababaa worra na arrabsaniitiif, diinaatiif, worra haluu na bayaniitiif ta'e. Uduu si hin irraanfanne; waadaa keetii fi amanamummaa keenna uduu hin dhidhanne, kun maruu nu irra gaye. Garaan keenna si amanuu hin dhiifne; lutti keennallee karaa kee keessaa hin baane. Ati garuu hulee yayyiin oolanitti caccabsitee nu gatte; gaaddisa du'aatiin nu dhossite. Uduu maqaa Waaqa keennaa irraanfannee, harka keennallee gara Waaqa tolfama'aa badhifnee jiraannee, Rabbi waan kana beekuu hin dadhabaa? Inni waan onneen dhossite waan hubatuuf. Garuu guyyaa guutuu waan keetiif du'aan wolitti baana; akka hoolota goorra'amaniitittillee laakkayamneerra. Gooftaa! dammaqi! maaf rafta? ka'i! baraa haga bara baraa nu hin dhiisin! Maaf nu jalaa dhokatta? dhiphinnaa fi rakkoo keenna maaf irraanfatta? Nu'u duddaan gad jennee lafa tuquu geenneerra; lafatti kufneerra. Yabo'oo ka'ii nu gargaari! waan jaalala kee ka bara baraatiif jedhii nu oolchi! Garaan kiyya yaada mishaa burqisiise; weedduu weeddise mooticha dhageessisa; arrabni kiyya akka qalama akka misha'atti barreessuuti. Ati ilmaan namaa maraa caalaa guddiftee bareedda; afaan kee jecha ayyaana qabu burqisiisa; kanaafuu Rabbi baraa haga bara baraa si eebbiseera. Mootii jabaa! ulfinnaa fi gaachena uffadhu; guraadee kee hidhadhu. Waan dhuga'aatiif, waan qajeellumma'aatii fi kasoomu'uun gaachena kee uffadhuu mooyachu'uuf deemi; harki kee ka mirgaa hujii maalale'ee haa mudhiftu. Eboon kee qarama'a; garaa diintota keetii hin woraana; mootonnillee mooyatamanii luka kee jalatti kufan. Waandhana! teessoon kee baraa haga baraa dhaabata; uleen mootummaa keetii ulee qajeellumma'aati. Ati balchummaa jaalatte; diddaa hin jibbite; kanaafuu Rabbi Waandhi kee si filate; hiriyyoota kee caalaa dhadhaa gammachu'uu si dibe. Urgooftuun karbee, muka hadhaaya'aa fi ham'ee irraa hojjatame uffata kee ka mootumma'aa irratti biifameera; kiraarri faaru'uu ka laagaa guddaa dhageessisu mana mootumma'aa kee ka ilkaan arbaatiin bareede keessatti si gammachiisa. Dubartoota tee ta kabajjaman ta mana mootumma'aa keessatti argaman keessa, ijoollee moototaa ta intalaatitu argama; mootittiin uffata worqii mishaa irraa hojjatame ka calanqisu bareedaa uffattee teessoo kee cinaa mirgaatiin dhaabatteerti. Mucattii tiyya! caqasi; hubadhu; gurra kee as qabadhu; banii keetii fi mana abbeetii irraanfadhu. Mootichi bareeda keetiin booji'ameera; inni gooftaa kee waan ta'eef kabajjiin. Namoonni biyya Xiroosii kennaa sii fidan; dureeyyiin garaa si laaffifachu'uuf sitti deddeebi'an. Mootittiin mana mootumma'aa keessa jiraattu qandhafteerti; uffanni isi'iillee worqi'iin midhaageera. Uffata bareedaa uffattee gara mootichaa dhaxxi; dubartoonni jaala isi'ii ta'an isii marsan. Gammachuu gudda'aan burraaqa'aa isii woliin gara mana mootichaa seenan. Bikka abbootii keetii ijoolle'etu sii dhalate; ardii maraa irratti bulchoota taasiftee isaan moosifta. Ijoolleen tee ilmaan ilmaan ufiititti waan kee himan; kanaafuu baniin maruu baraa haga bara baraa si jalatti bulan. Rabbi irkoo keennaa fi hunna keenna; hennaa rakkoon nu irra gayu maraa gargaaraa keenna. Kanaafuu yoo lafti sochoote, yoo gaarranillee bisaaniin liqimfaman hin sodaannu; Galaannillee raafamee yoo laagaa ufii dhageessise, sababaa raafama galaanaatiin yoo gaarri socho'e nu hin naanu. Laggiin qachattii Waaqaa, hulee bultii woyyicha Goofta'aa gammachiisan hin jiran. Rabbi isii jidduu jira; hin raafamtu; Rabbi ganamaan isii gargaara. Baniin didda'aan ka'an; mootonnillee hin kufan; Rabbi laagaa ufii ol qabatee dhageessise; lafti hin baxxe. Waandhi banii maraa nu woliin jira; Waandhi Yaaqoobii irkoo keenna. Kootta'aa hujii Rabbii; attamitti akka lafa duwwaa godhe laalaa'a. Inni lola ardii maraa irratti taasifamu hin dhaabsisa; ebo'oo fi woraana hin cabsa; wonteellee ibiddaan guba. Gab jedhaa'a; hara baafadhaa'a; akka ani Waaqa ta'e beekaa'a; Ani banii maraa irratti hin kabajjama; ardii irrattillee hin kabajjama. Gooftaan banii maraa nu woliin jira; Waandhi Yaaqoobii irkoo keenna. Baniin maruu gammachu'uun harka dhayaa'a! laagaa gudda'aan faarsa'aa Rabbiin galatoonfadhaa'a. Rabbiin Gooftaan ardii maraa irratti mootii ta'ee bulchu attam nama sodaachisa? Inni akka baniin maruu cadhisanii nuu ajajamanii fi mootonnillee akka nu jalatti bulan godhe. Lafa ijoollee Yaaqoobii ta jaalatuu ulfinna taate; Inni nuu file. Rabbi laagaa ililfataatii fi laagaa xurumba'aatiin ol baye. Faarsaa'a Waaqa keenna faarsaa'a! faarsaa'a mootii keenna faarsaa'a! Rabbi ardii maraafuu mootii waan ta'eef hubanna'aan faarfadhaa'a! Rabbi banii irratti mooyeera; Rabbi teessoo ufii woyyicha irra taa'eera. Banii Waaqa Abrahaamii woliin; bulchoonni bani'ii wolitti qabaman; mootonni biyya lafaa waan ka Rabbii ta'aniif Inni ka guddisee kabajjame. Rabbi gudda'a; qachaa Waaqa keennaatitti; gaara woyyuu irratti; galata gudda'atu ta'aaf. Ka gammachuu ardii maraa ta'e; gara kaabaatiin ka fago'otti mudhatu; ka gubba'atti bareedee mudhatu gaarri Tsiyoonii qachaa guddoo Gooftaa keennaati. Rabbi galma isi'ii keessa ta'ee, akka kushee jabaa isi'ii ta'e mudhiseera. Kunoo mootonni wol ta'anii dhufan; tokko ta'anii deeman. Isii arganii maalalfatan; nayanii dheessan. Akka dubartii ciniinsifattuu; achitti sodaan isaan qabe; Akkuma bubbeen baya biiftu'uu markaba Tarseesii caccabsu; ati isaan hollachiifte. Waan Rabbi godhe dhageenneerra; akkasuma ammallee Gooftaan waa maraa danda'u waan inni qachattii ufii keessatti godhe ija keennaan argine. Inni qachattii san baraa haga bara baraa jabaattee akka jiraattu taasisa. Waandhana! mana woyyuu kee keessa taanee; jaalala kee ka bara baraa yaanna. Waandhana! galanni kee akkuma maqaa keetii; haga daangaa lafaa dhaqa; harki kee ka mirgaallee ka balchumma'aan guuttame. Waan murtii keetiitiif; gaarri Tsiyoonii haa burraaxxu; gandiin Yihuuda'aa haa gammadanii. Naannaya Tsiyoonii deddeebi'aa'a; naannaya isi'ii irra deemaa'a; worra gamoo isi'ii eegan laakkayaa'a. Dhaloota dhufuuf akka dabarsuu dandeettan, dallaya isi'ii ka dhaga'aa jabaa san hubadha'aa laalaa'a; kushee isi'iillee argaa'a. Waandhi kun baraa haga baraa Waaqa keenna waan ta'eef; ka haga dhumaa nu masakku isa. Isin baniin maruu kana dhagayaa'a! worri ardii irra jiraattan maruu kana caqasaa'a! Worri didiqqaanii fi gugurdaan; hiyyeeyyiinii fi dureeyyiin dhagayaa'a. Arrabni kiyya ogumma'aan dubbata; yaanni garaa kiyyaa hubannoo namaa kenna. Ani gurra kiyya gara mammaakaa qabadha; hibboo kiyyallee kiraara sagalee guddaa dhageessisuun hiika. Hennaa dharti sobdootaa na marsite; guyyaa hammeennaa maaf sodaadha? Worra durumma'aan uf jajan; worra qananii ufii abdatan; maaf sodaadha? Namni uf oolchu'uu fi uf furu'uuf gatii furama isaatiif ta'u Rabbiif baasuu hin danda'u. Ogeeyyiin worra du'an ta'uun waan mudhatu; dabeessinii fi gowwaan wolumaan badan; qabeenna ufiillee ka biraatii dhiisanii lixan. Yoo lafti baay'een maqaa isaaniitiin jiraatellee awwaalli mana jireenna isaaniiti; dhalootaa haga dhalootaatittillee hulee jireenna isaaniiti. Namni durummaa ufiitiin akkuma kabajjametti hin jiraatu; horima mudhatee badu fakkaata. Kun hiree worra gowwa'aa; worra jecha isaanii fudhatee faanaa deemuuf galma dhumaati. Akkuma hoolotaa asaabaaf ramadaman; duuti tissee isaanii ta'a; qajeellonni ganamaan isaan bulchan; nafti isaanii mana isaanii ka ulfinnaatii fagaatee; asaaba keessatti diiggama. Rabbi garuu waan na simatuuf; lubbuu tiyya asaaba keessaa fura. Namni yoo duroome; qabeenni isaallee guddata'aa yoo deeme hin sodaatin. Inni hennaa du'u womaa qabatee hin deemu; qabeenni isaallee isa woliin hin awwaalamu. Namni uduu lubbu'uun jiru yoo gammade; wonti maruu waan isaa toleef yoo jajame; inni du'ee hulee lammata ifa hin argine gara awwaala abboonni isaa itti awwaalamanii dhaqa. Namni hubannoo malee qabeenna kuufate akka bineensaatitti du'uun isaa hin hafu. Rabbi Waandhi jabaan hin dubbate; baya adu'uutii haga dhiya adu'uu ardii waame. Tsiyoonii guutuu bareedduu taate irraa; Rabbi ibse. Waandhi keenna hin dhufa; hin cadhisu; ibiddi nama gubu isa afoo jira; bubbeen haboonbolattiin jabaan naannoo isaa jira. Inni bani'itti murteessu'uuf ardi'ii fi samii akkana jedhee raga'aaf waama; «Tajaajiltoota woyyoota tiyya ta hulee ciinca'aatitti na woliin waadaa galan wolitti naa qabaa'a.» Rabbi ufumatti abbaa murti'ii waan ta'eef, Samiiwwan balchummaa isaa labsan. Rabbi ammallee akkana jedhe, «Banii kiyya! dubbii kiyya dhagayi; Israa'elii kiyya sitti ragaa ani Rabbi Waaqa keeti. Waan kenna'aatii fi ciincaa hennaa maraa gootuuf si hin himadhu. Mana kee keessaa mirgoo, re'iin keessaa korbeessa re'e'ee hin fudhu. Busaawaan muka keessaatii fi gobbuun hori'ii ka kumaatamatti laakkayamu ka gaarran irraa maruu kiyya. Simbirroota gaarran irraa maraa hin beeka; horiin raasaa keessa jiru maruu kiyya. «Ardiinii fi wonti ardii irra jiru maruu waa kiyya ta'eef uduu ka beelawuutille'ee sitti hin himu. Dhugamaan ani foon kormaa nyaadhaa? yookaan dhiiga re'e'ee dhugaa? Ciincaa galataa Rabbii ciincessi; Gooftaa waa maraa danda'uuf woreega kenni. Hennaa rakko'oo na waami; si oolchaa atillee na kabajjitaa.» Rabbi cubbama'aan, «Maaf seera kiyya irraanfatta? waadaa kiyya afaan keetiin dubbachuu mirga qabdaa? Ati gorsa kiyya dhagayuu didde; dubbii kiyyallee hin tuffatte Hennaa hattuu argite isa woliin fiidda; hiree keellee worra seebaru woliin taasifte. «Afaaniin waan hamaa dubbatta; wonti dubbattu maruu soba. Teettee obboleessa kee hamatta; ilma haatetii maqaa balleessite. Kana maraa gootee sitti cadhise; waan ani akka kee ta'e seete; amma garuu adima si xixa; addaatama siin lola. «Kanaafuu isin worri Rabbiin irraanfattan; kana hubadhaa'a; ta'uu baannaan ani isin bittinneessa; ka isin oolchullee hin jiru. Namni ciincaa galataa naa dhiyeessu na kabajja; ka karaa ufii qajeelfatuu ani fayyummaa kiyya itti mudhisa.» jedhe. Yaa Rabbi! haguma arjummaa keetiititti; naa araarami; akka baay'inna gara laafummaa keetiitiin cubbuu kiyya na irraa balleessi. Yakka kiyya sirima na irraa dhiqi; cubbuu kiyya irraa na qulqulleessi. Ani yakka kiyya hin beeka; cubbuun kiyya hennaa maraa na afoo jira. Murteen tee sirri'i; murtii kennituttillee akka qulqulluu taatu; si'i; dhugamaan ani sima callaa yakke; ani si afo'otti waan hamaa godhe. Hennaa haati tiyya na ulfooftuu ani yakkama'a; hennaa dhaladhullee ani cubbama'a. Ati garaa namaatii dhugaa barbaadda; kanaafuu hulee dhokataa san keessattillee ogummaa guddaa na barsiisi. Hisoophi'iin natti facaasi; anillee hin qulqullaayaa na dhiqi; baradaa caalaa adii ta'aa. Usheexxu'uu fi gammachuu na dhageessisi; lafeewwan tiyya ta ati butuchite haa gammadanii. Fuula kee cubbuu kiyya irraa deebisi; yakka kiyya maraa na irraa balleessi. Waaqa kiyya! Garaa qulqulluu naa uumi; hafuura qajeelaa ta'e na keessatti haarawoomsi. Fuula kee afo'oo na hin balleessin; Hafuura kee woyyuu na irraa hin fudhatin. Gammachuu fayyisuu kee keessaa argamu naa deebisi; Hafuura akka sii ajajamu na gargaaru naa kenni! Ani worra seera kee diigan karaa kee barsiisaa; cubbamtoonnillee gara kee deebi'an. Yaa Rabbi; Waaqa fayyinna kiyyaa! dhiiga jissuu irraa na oolchi; afaan kiyya waan balchummaa keetii ililfata'aa faarsa. Yaa Gooftaa'a afaan kiyya naa bani; afaan kiyya galata labsa. Uduu ka ciincaa jaalattuutii silaa sii dhiyeessa ture; ciincaan ciincawullee si hin gammachiisu. Ciincaan Rabbi fudhatu yaada onnee laaftu'uuti; Yaa Rabbi! ati onnee laaftu'uu fi ta gad uf deebiftu hin tuffattu. Fedha kee misha'aan Tsiyooniin duroomsi; dallawwan Yerusaalemiillee deebisii ijaari. Ciincaan balchumma'aa, ciincaan ciincayuu fi ciincaan guutu'utti gubatan yoo san si gammachiisan. hennaan korommiin hulee ciinca'aa irratti ciincayan yoo san. Jabaa'a! ati maaf hamaa hojjachu'uun uf jajja? ati ka ija Rabbiitiin tuffatamte; attamitti hennaa maraa boonta? Ati ka soba hujii kiyya jettee qabatte; arrabni kee akka shiggire'eeti; Waan mishaa caalaa hammeenna; dhugaa dubbachuu caalaa soba jaalatte. Ati nama sobu! jechoota nama miidhu maraa hin jaalatte! Rabbi garuu baraa haga bara baraa si cabsa; si buta; mana kee keessaallee butee si baasa; lafa jiraattotaa irraallee si buqqisa. Balchoonni kana arganii sodaatan; akkana jedha'aa itti kolfan; «Ka Rabbiin irkoo hin godhanne; garuu ka baay'inna qabeenna ufiitiin boonu; ka hammeenna ufiitiin jabaate; namni sun kunooti!» Ani garuu mana Rabbii keessatti akka muka ejersaa ka laliseeti; baraa haga bara baraa jaalala Rabbii hedadha. Waandhana! waan gooteef baraa haga bara baraa si galatoonfadha; maqaan kee waan mishaa ta'eef maqaa kee abdadha; woyyoota jiddu'utti si galatoonfadha. Gowwaan garaa ufiititti, «Rabbi hin jiru» jedha; worri akkanaa kunniin worra balla'e; hujiin isaaniillee balfisiisa'a; ka waan mishaa godhu tokkollee hin jiru. Ka hubanna'aan jiraatu; ka Rabbiin soqu akka jiru laalu'uuf; Rabbi sami'ii ilmaan namaa laale. Maruu gara waan biraa gara galan; wolumaan balla'an; tokkollee ka waan mishaa godhu hin jiru. Akkuma namni buddeena nyaatutti worri banii kiyya nyaatan; worri Rabbiin waamanii hin beenne; worri hammeenna hojjatan sunniin sirima hin baratanii? Hulee wonti sodaachisu hin jirretti; achitti soda'aan liqimfaman; Rabbi lafee worra sitti duulee hin bittinneesse; Inni waan isaan tuffateef; ati isaan saalfachiifte. Maal uduu ka Israa'eliin oolchu Tsiyooniin keessaa bayee! Hennaa Rabbi boojuu bani'ii deebisu Yaaqoob haa usheexxu; Israa'el haa gammadu. Yaa Rabbi! maqaa keetiin na oolchi; hunna keetiin naa murteessi. Yaa Rabbi! faatee kiyya naa dhagayi; dubbii afaan kiyyaa naa caqasi. Nyaaphni waan natti ka'aniif; hammeeyyiin lubbuu tiyya barbaadaniiran; Rabbiin woyittuu hin laakkofne. Kunoo Rabbi gargaaraa kiyya; Gooftaan irkisee na qaba. Worra na marsan hammeenni isaanii isaanumatti haa deebi'u; Ati dubbii keetiin waan amanamaa taateef isaan balleessi. Ani fedha misha'aan ciincaa sii ciincessa; Yaa Rabbi waan mishaa ta'eef maqaa keetii galata dhiyeessa. Rakkoo maraa irraa waan na oolcheef; ijji tiyyallee kufaatii diintota tiyyaa arguu dandeetteerti. Yaa Rabbi! faatee kiyya dhagayi; kadhaa kiyyatti lash hin jedhin. Gara kiyya laali; naa deebisi; keessi kiyya nagaya dhabeera; raafameera. Laagaa diinaatiin shibbiraaye; dhaaduu hammeeyyi'iitiin naye; rakkinna waan natti fidaniiraniif; lolaan natti kakka'anii diina natti ta'an. Garaan kiyya sodaateera; naasuun du'aallee natti dhufte. Soda'aa fi holluun na qabatte; shibbiriinillee na liqimse. Ani akkana jedhe, «Maal uduu akka handari'ii koola qabaadhee! silaa bararee deemee hara baafadha ture. Silaa baqadhee fagaadhee; gammoojjii keessa tura. Haboonbolatti'ii fi kirfaffuu dheessee; dafee gara hulee jiraadhuu gaya ture. Yaa Gooftaa'a! dharaa fi raafama waan qachattii keessatti argeeruuf bitaa isaanitti taasisi; afaan isaaniillee wol jala dabarsi. Halkanii fi guyyaa dallayattii irra bayanii naannayan; dhartinii fi rakkinni isii keessa jira. Badiin isii wodhakka'atti argama; dabdinii fi sobni karaa isi'ii irraa hin dhabamu. Ka na riqu waan diina hin taaneef; uduu ta'ee silaa hin obsaaf ture; ka na jibbu; ka natti kooru; diina kiyyaa miti; uduu ta'ee silaa jalaa dhokadha. Garuu ka kana godhu si'i; daraboo kiyya; hiriyyaa kiyyaa fi jaalalloo kiyya; mana Rabbii keessatti woliin banii keessa deddeebine; jaalala nama gammachiisu wolii qabna ture. Duuti uduu hin qaabanne dunnuu isaanitti haa dhuftu; uduu lubbu'uun jiran asaaba haa bu'an; waan hammeenni isaan jidduu jirtuuf. Ani garuu Rabbiin waamadha; Rabbillee na oolcha. Galgala, ganamaa fi guyyaa hin worwaadha; hin iyya; innillee laagaa kiyya hin dhagaya. Worri mormi'iin natti ka'an waan baay'ee ta'aniif; lola natti aggaamamee lubbuu tiyya nagayaan fura. Isaan jireenna ufii hin jijjiiranneef; Rabbiinillee waan hin sodaanneef; Waandhi dur irraa jalqabee teessoo irra jiru; dhagayee isaan salphisa. Namni ani jaalalloo kiyya jedhu worra jaalatutti karka ol fudhate; waadaallee hin diige. Arrabni isaa dhadhaa irra laafa; garaa isaa keessa garuu lolatu jira; dubbiin isaa sayitii irra laafa; garaan isaa ammo akka guraadee qolaa luqqifameeti. Waan sitti ulfaafe Rabbiin irratti gati; inni irkisee si qaba; raafama balcha'aa sirima hin hayyamu. Ati ammo yaa Rabbi! hammeeyyii gara boolla badi'ii buufta; namoonni dhiiga dheebotanii fi namoonni soban wodhakkaa umurii ufiituu hin jiraatan. Ani garuu si abdadha. Yaa Rabbi! ani ka namoonni itti baldan ta'eera garaa naa laafi; guyyaa guutuu woraanaan na rakkisaniiran. Diintonni tiyya guyyaa guutuu na irra dhaabatan; worri uf jaju'uun na woraanan waan baay'ee ta'aniif. Hennaa sodaadhu amantii kiyya si irra godhadha. Waaqa jecha isaa galatoonfadhu; Rabbiin abdadheera; hin sodaadhu; foon uffataan maal na godhuu danda'a? Guyyaa maraa dubbii kiyya dabsan; hennaa maraa na miidhu'uuf mala natti dhayan. Dhara dhayan; hin riphan; na duukaa deeman; lubbuu tiyya balleessuu barbaadan. Yaa Rabbi! sirima akka jalaa hin baane; banii lola keetiin salphisi. Mu'amuu kiyya galmeessi; imimmaan kiyya meeshaa keetitti wolitti qabi; maruu galmee kee keessatti qabameeraamii? Gaafa ani si waamu, diintonni tiyya uf duuba deebi'an; kanaan akka Waandhi na ladda dhaabate beeka. Waaqa dubbii isaa galtoonfadhu; Rabbii dubbii isaa kabajju; Waaqa abdadheera; hin sodaadhu; namni maal na godhuu danda'a? Yaa Rabbi! woreega keetitu na irra jira; ka ani sii dhiyeessullee ciincaa galataati; ifa jiraattotaa keessa; Rabbiin afoo akka jiraadhu; lubbuu tiyya du'a irraa; luka tiyya sakaalamuu waan oolchiteef. Garaa naa laafi; Yaa Rabbi garaa naa laafi; lubbuun tiyya waan si irkoo godhatteef; kooluu kee jalatti quphadha. Ani gara Waaqa waan naa yaade naa raawwatuu; Rabbii maraa oliititti iyyadha. Sami'ii ergee na oolcha; worra na dhiitan hin salphisa; Rabbi araara ufiitii fi amanamummaa ufii hin erga. Lubbuu tiyya leencaniin marfamteerti; busaayaa nama cicciran wodhakka'atti kufeera; kunniin namoota ilkaan isaanii ebo'oo fi buundhe'ee, arrabni isaanii guraadee qarame ta'e. Yaa Rabbi! samii irratti kabajjami; ulfinni keellee ardii maraa irra haa guutu. Luka tiyya jalatti siiboo diriirsan; lubbuu tiyyallee gaddaan gad deebisan; karaa ani lufuun irratti boolla qotan; garuu ufumaa itti kufan. Yaa Rabbi! Garaan kiyya jaba'a; garaan kiyya hin mamu; hin weeddisa; hin faarfadha. Lubbuu tiyya! dammaqi; kiraarri ka sagalee guddaa dhageessisuu fi masiinqoonillee ka'aa'a! anillee ganamaan ka'aa. Yaa Gooftaa'a! banii jiddu'utti si galatoonfadha; namoota jiddu'uttillee si faarfadha. Araarri kee haga sami'ii waan ol guddateef; amanamummaan keellee haga duumessaa ol gayeera. Yaa Rabbi! samiiwwan gubba'atti ulfaadhu; ulfinni keellee ardii maraa irra haa babadhatu. Isin worri jajjabaan! dhugama waan sirrii ta'e hin dubbattanii? isin ilmaan namaa! dhuga'aan murteessituu? Wa'a! garaa keessan keessatti dhara dhooftan; harka keessaniin lafa irratti dhiba dhooftan. Hammeeyyiin uduma garaa keessa jiran worra karaa irraa baye; hennaa dhalatan irraa jalqabanii worra dogoggoranii fi sobdoota. Hadhaan isaanii akka hadhaa bofaati; akka buutii dhageettii didda'aaf gurra cufatteeti. wonti gurra cufatteef jecha mortu'uu yookaan jecha ogeessa ziirii daggamuu dhagayuu didda'aaf. Waandhana! ilkaan isaanii afaan isaanii keessatti cabsi; Yaa Rabbi! a'oo leencanii bubuqqisi! Akka bisaan gubba'aa gad jiguutitti dafanii haa badanii; hennaa eboo ufii ol fudhatan buundheen isaanii haa doomu. Akka gaafa arfoo ka uduu deemu baquu haa ta'an; akka waan gara'aa gatame ka ifa hin arginee haa ta'an. Ibiddi qore'ee uduu keree isaanii hin oo'ifne; haboonbolattiin jiidha'aa fi gogaallee qixxema haxaayee isaan fudhata. Balchoonni hennaa haluu bayuu argan hin gammadan; miila ufii dhiiga dhartichaatiin dhiqatan. Namoonni, «Dhugama balchootaaf gatiin isaanii taa'eera; dhugamaan Waandhi lafa irratti murteessu hin jira» jedhan. Waandhana; diintota tiyya harkaa na oolchi; worra na miidhu'uuf natti ka'an irraa na eegi. Worra waan hamaa hojjatan jalaa na baasi; namoota dhiiga dheebotan jalaa na oolchi. Kunoo isaan worra lubbuu tiyya gaadu waan ta'aniif; Yaa Rabbi! garjabeeyyiin yakka kiyya malee; cubbuu kiyya malee, wol gayanii natti mari'atan. Isaan yakka kiyya malee na miidhu'uuf; qophaayanii dhufan; Ati garuu na gargaaru'uuf ka'i haala kiyyallee laali. Ati Waaqa duula maraa; Ati Rabbi Waandhi Israa'elii; banii maraa adabu'uuf ka'i. dhara yakka isaan raawwatanii maraaf isaanii hin araaramin. Akka sare'eetitti gururi'a'aa galgala deebi'anii dhufan; naannaya qachatti'iititti lafa maran. Waan afaan isaaniitii bayu laali; arraba isaanii irra guraade'etu jira; «eentu nu dhagayuu danda'a?» waan jedhaniif. Yaa Rabbi! Ati ammo isaanitti kolfita; banii maraa ija tuffi'iitiin laalta. Jabeenna kiyya! si eeggadha; Waandhana! ati irkoo kiyya waan taateef. Rabbi jaalala ufii ka bara baraatiin na afoo deema; Waandhi kiyya kufaatii diintota tiyyaa natti mudhisa. Gooftaa'a; wontee keenna! isaan hin ajjeesin; yoo ta'uu baate baniin kiyya hin irraanfatama. hunna keetiin isaan yaantarsi; gad isaan qabi. Cubbuu afaan isaaniitii bayuun; jecha afaan ufiitiin darbataniin; uf jajuu ufiitiin haa qabaman! abaarsaa fi soba dubbataniif; Dheekkamsa keetiin isaan balleessi; sirima isaan diigi; kanaan Rabbi bulchaa Yaaqoobii ta'uu haga daangaa lafaatitti beekkama. Akka sare'eetitti gururi'a'aa; galgala deebi'anii dhufan; naannaya qachatti'iititti lafa maran. Dhiyana soqaa lafa maran; yoo hin quufnee hin amuummatan. Ani garuu waan hunna keetiitiif faarfadha; ganamaan waan ulfinna keetii faarfadha; ati irkoo kiyya; gaafa rakkinnaa dawoo kiyya waan taateef. Jabeenna kiyya! weedduu sii dhiyeessa; yaa Rabbi! ati irkoo kiyya; Waaqa kiyya ka na jaalattulle'e. Yaa Rabbi! nu gatte; nu caccabsite; nuun lolte; amma garuu deebisii nu ijaari. Lafa raafte; hin bittinneessite; waan gatantara'aartuuf cabnana isi'ii wodhaani. Banii kee usurii argisiifte; daadhii woyini'ii ka sammuu nu naannessu akka dhunnu nuu kennite. Haa ta'uu ammo akka eboo jalaa bayaniif worra si sodaataniif malkata dhaabde. Akka jaalalloonni tee oolan; harka kee ka mirgaatiin nu gargaari; deebiillee nuu kenni. Rabbi mana woyyuu ufii keessaa akkana jedhee dubbate, «Gammada'aa lafa Seekeemii gar gar baasa; dhooqa Suukootii hin qoqqooda. Gala'aad kiyya; Minaaseenillee kiyya; Efreem gulloo kiyya ka sibiilaati; Yihuudaan ulee tiyya ta mootumma'aati. Moo'aab gongaa kiyya ka itti dhiqataati; Eedoomiyaasitti kophee kiyya darbadha; Filisxeemiin mooyadhee itti ililfadha.» Gara qachaa dallayamtee eentu na fida? eentu gara Eedoomiyaasii na qajeelcha? Waandhana! ka nu gate si'ii mitii? Yaa Rabbi! ati duultota keenna woliin hin bayu jettee bee! Diina irratti mootee nuu kenni; gargaarsi nama waan duwwaa ta'eef. Rabbiin irre jabeeyyii taana; diintota keenna ka nuu dhidhiitu isa waan ta'eef. Yaa Rabbi! iyya kiyya dhagayi; kadhaa kiyyallee naa caqasi. Hennaa onneen tiyya dadhabde; daangaa lafaatii si waama; gara goda naa olii jiruu na qajeelchi. Ati irkoo kiyya; dhagaa jabaa diina kiyya jalaa itti daadayadhu waan naa taateef. Baraa haga bara baraa daasee kee keessa haa jiraadhuu; gaaddisa koola keetii jalatti haa dayadhuu. Waandhana! waan woreega kiyya naa dhageetteef; lafa namoota maqaa kee sodaatanii naa kennite. Umurii mootichaa dheeressiif bara isaallee haga dhaloota baay'e'ee eda'iif. Rabbiin afo'otti baraa haga bara baraa haa mooyu; akka isa eeganiif araaraa fi amanamummaa kee qopheessiif. Kanaaf hennaa maraa maqaa keetiif jajuu dhiyeessa; woreega kiyyallee hennama henna'aan raawwadha. Lubbuun tiyya Rabbiin hara baafatti; Fayyinni kiyyallee isuma biraa dhufa. Inni godaa fi qorsa kiyya; irkoon kiyya isa; sirima hin raafamu. Nama haga yoomii miitan? girgiddaa daaqe kana, kaloo daaxxe, isin marti dhiibdanii jissuu dandeettanii? Ulfinna guddaa irra isa salphisu'uuf waan kana malan; bakka sobni jirutti gammadan; afaaniin hin eebbisan; garaa ufii keessatti ammo hin abaaran. Lubbuu tiyya! boqadhuu Rabbuma callaa eegi; abdiin kiyya isa biraa waan ta'eef. Inni godaa fi qorsa kiyya; irkoon kiyya isa; sirima hin raafamu. Fayyinninii fi ulfinni kiyya Rabbumaan; gonni jabaanii fi ka ani kooluu itti galu Rabbi. Banii! hennaa maraa isa hedadhaa'a; yaada garaa keessanii isa afo'otti dhiyeessaa'a; Rabbi waan irkoo keenna ta'eef. Worra tuffatamaa irraa dhalachuun duwwa'a; ka kabajjaa qabu irraa dhalachuunillee soba; yoo madaala irrattillee ol bayanii mudhatan maruu wolumatti qilleensa irra salphatan. Saamicha hin hedatinaa'a; waan buttan abdii hin godhatinaa'a; kanaan yoo duroomtan qalbiin keessan kana abdii hin godhatin. Rabbi waan tokko dubbate; ani kana hennaa lama dhagaye; hunni ka Rabbiiti. Yaa Gooftaa'a! jaalalli bara baraa keeti; ati maraafuu, akkuma hujii isaatitti isaa kaffalta. Yaa Rabbi! ati Waaqa kiyya; ani garamaan si barbaada; hulee bisaan hin jirretti; lafa qulla'aa fi gogaa irratti; lubbuun tiyya si dheebotte; foon kiyya si yaade. Kanaafuu mana woyyuu keessatti si arge; hunna keetii fi ulfinna keellee hin laale. Jaalalli kee ka bara baraa waan jireenna caaluuf; afaan kiyya si galatoonfata. Eeganaa bara jireenna kiyyaa si galatoonfadha; maqaa keetiin harka kiyya ol kaasa. Lubbuun tiyya akkuma nama dhadha'aa fi coomaan dheebuu bayuutitti; dheebuu baati. Hulee ciisutti si yaadadha; halkan guutuu waan kee dhudhuma. Ati gargaaraa kiyya waan taateef koola kee jalatti quphadhee gammachu'uun faarfadha. Lubbuun tiyya sitti rarraate; harki kee ka mirgaa irkisee na qabe. Worri lubbuu tiyya balleessuu barbaadan ammo; gara lafa jalaa gad bu'an. Isaan guraadee afaan bu'an; dhiyana jeedallanii ta'an. Mootichi ammo Rabbitti gammada; worri maqaa Rabbiitiin waadaa galan maruu hin kabajjaman; afaan worra sobuu hin cufama. Waandhana! jecha mararoo kiyyaa dhagayi; jireenna kiyya dhaaduu diinaa jalaa golgi. Murtee diddaa hammeeyyi'ii jalaa na dhossi; gumii worra dhibuu jalaa na golgi. Isaan arraba ufii akka guraade'eetitti qaran; jechoota isaanii ka summi'ii akka ebo'ootitti qiiman. Isaan riphanii nama qulqulluu iddan; dimmaa isa iddan; hin sodaataniin. Waan hamaa raawwachu'uuf woliin mari'atan; Seeritti siiboo dhaabu'uuf mari'atan «Eentu nu arguu danda'a?» woliin jedhan. Dhara dhayan; akkasuma, «Seera qindeessinee qopheessineerra» jedhan. Ajaa'iba! garaan isaa; sammuun isaallee attam badha'a! Rabbi garuu eboo ufiitiin isaan idda; isaan dimmaa madaayan. Arrabuma isaaniitiin isaan gufachiisa; badii isaanitti fida; ka isaan laalu maruu teejjabbi'iin mataa ufii sochoosan. Ilmaan namaa maruu hin sodaatan; hujii Rabbii addaataa dubbatan; waan inni godhe maraa cadhisanii dhudhuman. Balchaan Rabbitti haa gammaduu; isa irkoo haa godhatuu; worri garaa qajeela'aa maruu haa gammadanii. Yaa Rabbi! Tsiyoonitti jajamu'utu siif ta'a; waan sii woreenne sii raawwanna. Ati ka faatee dhageettu; ilmaan namaa maruu gara kee dhufan. Hennaa cubbuun nu irra gara gale; ati yakka keenna nuu dhiifte. Ka ati filatte; ka gara kee dhiyeessite; ka hulee kee ka itti gad bayan isa jiraachifte; eebbifama'a! mana kee woyyuu woyyoome keessaa; eebba mana keetiitiinillee dheebuu baana. Yaa Rabbi! fayyisaa keenna; balchumma'aan hujii maalale'ee nuu deebisi; ati daangaa lafaa maraafuu; galaana fagoo jiruufillee abdi'i. Jabeenna keetiin gaarran hundeessite; hunnallee hidhatteerta. Ati huursaa galaannanii; woca dambaliiwwanii; raafamuu bani'iillee hin cadhisiifta. Worri fagaatanii daangaa lafaa jiraatan; sababaa hujii kee ka maalale'eetiif nayan; dhufa bariisa'aatii fi ka galgalaallee akka gammadan isaan goota. Lafa hin tooyatta; hin obaafta; guddiftee duroomsitaan; akka namootaa midhaan kennaniif; laggiiwwan Rabbii bisaaniin guuttamaniiran; ati waan akka akkana ta'u murteessiteef. Lalisa isi'ii bisaaniin jiifta; boyii isi'ii hin sirreessita; tiifu'uun laaffifta; biqila isi'iillee hin eebbifta. Baratti mishummaa kee uwwifta; konkolaataan fardaa keellee eebbatu guutee irra cambalaqa. Margi lafa gammoojji'ii guddisee lalise; Tulloonnillee gammachuu uffatan. Raasaan gobbu'uun guuttame; dhoondhi maruu midhaaniin uwwifame; hin ililfatan; hin faarfatan. Ardiin maruu Rabbii haa ililfattuu! Ulfinna maqaa isaatiif faarfadhaa'a; Isa jajuullee bareechisaa'a. Rabbiin akkana jedhaa'a; «Hujiin kee attamitti naadira! diintonni kee sababaa guddinna hunna keetiitiin; si afo'otti roqomsan. Ardiin maruu sii sagaddi; faaru'uun si galatoonfatti; maqaa keetiif faarfatan. Kootta'aatii; waan Rabbi godhe laalaa'a; namoota jiddu'utti hujiin isaa sodaachisa'a! Galaana lafa gogaa godhe; laga lukaan ceeyan; koottaa'a isaan haa gammannuu. Hunna ufiitiin baraa haga bara baraa bulcha; ijji isaa banii laalti; eeganaa worri dhibu akka ol ol hin jenne. Banii! Waaqa keenna galatoonfadhaa'a; laagaa galatu'uullee dhageessisaa'a. Ka jireennaan nu jiraachisu; ka miila keenna akka hin mucucaanne eegu isa. Waandhana! ati nu qorte; akka meeti'iititti nu bassite. Siiboo nutti goote; dudda keennatti fe'aa feete. Akka namoonni nutti burraaqan goote; ibiddaa fi bisaan jidduu lufne; dhuma irratti garuu gara eebbaa nu fidde. Ciincaa gubamu qabadhee gara mana woyyuu keetii seena; woreega kiyyallee sii raawwadha. Wonti hennaa rakko'oo afaanii na baye woreega arraba kiyyaan dubbadhe. Horii coomaa ciincaa gubatu godhee; korbeeyyii hoolotaa kennaa aaru godhee sii dhiyeessa; korommi'ii fi re'iinillee sii ciincessa. Worri Rabbiin sodaattan maruu kootta'aa dhagayaa'a; waan lubbuu tiyyaa godhe isinitti himaa. Afaan kiyyaan isatti iyyadhe; arraba kiyyaanillee isa galatoonfadhe. Uduu cubbuu garaa kiyya keessatti keessummeessee jiraadhee; silaa Gooftaan naa hin dhagayu ture. Amma garuu dhugamaan Rabbi naa dhagayeera; faatee tiyyaallee naa caqaseera. Ka faatee tiyya hin tuffanne; ka jaalala ufii ka bara baraa na irraa hin fageessine; Rabbiin galanni haa gayu. Rabbi garaa nuu haa laafu; nu haa eebbisu; fuula ufii nu irratti haa ibsu. Karaan kee lafa irratti; fayyisuun keellee banii maraa jiddu'utti haa beekkamuu. Yaa Rabbi! namoonni si haa galatoonfatan; namoonni maruu galata sii haa dhiyeessan. Bani'ii waan qajeellumma'aan murteessituuf; namootallee waan lafa irratti masakkituuf; baniin haa gammadanii; ililfata'aa haa faarfatanii. Yaa Rabbi! namoonni si haa galatoonfatanii; namoonni maruu galata sii haa dhiyeessanii. Lafti daraaraa ufii kennite; Rabbi Waandhi keennallee nu eebbisa. Rabbi nu eebbisa; daangaan lafaa maruu isa sodaatan. Rabbi haa ka'u! diintonni isaa haa bittinnaayan! worri isa jibbanillee isa afo'oo haa dheessan. Akkuma aarri bittinnaayu akkasuma isaan bittinneessi; akkuma gagaan ibiddaan baqutti; akkasuma hammeeyyiin Rabbiin afo'oo haa badan. Balchoonni garuu haa gammadan; Rabbiin afo'otti haa burraaqan; gammachu'uu fi qanani'iin haa guuttaman. Rabbii faarfadhaa'a; maqaa isaatiif weeddisaa'a; ka duumessa irra deemu kabajjaa'a; Ka maqaan isaa Rabbi jedhame afo'otti guddisa'aa gammadaa'a. Rabbii hulee woyyuu ta ufii jiraatutti; hiyyeessaa abba'a; haadha hiyyeessaatii hin tamaaggata. Worra hojja jiraatan maatii jidduu jiraachisa; worra hidhame hidha'aa hiikee akka fishiriqan taasisa; worri dhibu ammo gammoojjii keessa jiraatan. Yaa Rabbi! hennaa banii kee afoo baate; hennaa lafa gammoojji'ii keessa deemte; Rabbii Waaqa Siina'aa afo'otti; Rabbi Waaqa Israa'elii afo'otti lafti hin raafamte; samiiwwan dirsaa buusan. Yaa Rabbi! rooba gayaa roobsite; lafa kee ka goge jiifte. Baniin kee hulee jireennaa godhate; Yaa Rabbi eebba kee keessaa hiyyeeyyi'ii kennite. Gooftaan akkana jedhee dubbii ufii kenne; worri ajaja isaa labsanillee duula baay'e'e. «Duultonni moototaa dafanii dheessan; dubartoonni qe'ee oolanillee boojuu qoodaman. Yoo gooruu hoolotaa keessatti argamtanillee; akka koollan handari'ii ka meetii irraa hojjatamee; isin akka baala magariisa worqi'iin uwwifameeti. Ka maraa danda'u; hennaa mootota achi turan bittinneesse; akka baradaa gaara Salmoonii irratti bu'uu isaan godhe. «Ati gaarri guddaan; gaara Baasaanii; ati gaarri qaccee heddu qabdu; gaarri Baasaanii; Isin yaa gaarran qaccee hedduu; gaara Rabbi irra jiraachu'uuf filate; dhugamaan ka Rabbi baraa haga bara baraa irra jiraatu; maaf ija hinaaffa'aatiin laaltan? «Konkolaataan fardaan harkifamu ka Rabbii kumii kitil; kuma hennaa kumaati; Gooftaan gaara Siina'aa irraa mana woyyuu ufii seene. Ol baate; boojuu fidde; Yaa Rabbi! Waandhana! ati achi jiraachu'uuf worri dhibullee uduu hin hafin; namoota irraa kennaa fudhatte. «Ka ba'aa keenna guyyama guyya'aan nuu baatu; Waaqa keenna fayyisaa; Gooftaa galanni haa gayu. Waandhi keenna Waaqa fayyisu; du'a jalaa ooluun ka danda'amu Rabbi Goofta'aan. Dhugama Rabbi mataa diintota ufii; namoota cubbuu hojjachu'utti jabaatan; mataa isaanii ka rifeensa qabu hin babbaqassa. Gooftaan akkana jedha, «Baasaanii deebisee isaan fida; galaana gad fago'oo keessaallee baasee isaan fida; Lutti tee akka dhiiga diintotaatitti baddu; arrabni saree keetiillee gayee ufii akka diina kee irraa argatuuf.» Waandhana! deemsi kee ka ulfinnaa mudhate; kun deemsa ulfinnaa ka mootiin kiyyaa Waandhi gara mana woyyuu ufii deemu. Faarfattoonni afo'oon; worri meeshaa taphatan duubaan yoo deeman; babbareeddan dibbee dhayanillee isaan jidduu turan. Gumi'iin Rabbiin galatoonfadhaa'a; worri burqaa Israa'elii keessaa argamtan; Rabbiin galatoonfadhaa'a. Ka isin masakku Biiniyaamii diqqa'a; achitti abboota murti'ii ka Yihuuda'aa ka baay'innaan laakkayaman; akkasuma abboota murti'ii ka Zaabilooniitii fi ka Niftaalemii fa'atu argama. Yaa Rabbi! hunna kee mudhisi; Waandhana; akkuma dur nuu goote; ammallee hunna kee nutti argisiisi. Waan mana kee woyyuu Yerusaalemiin jiruutiif mootonni kennaa sii fidan. Busaawaa leemman keessa jiraatan; gobbuu kormaa ka waatilee bani'ii jidduu jiraatan xixi; birrii akka gabbaruuf haa jilbiiffatuu; banii lola jaalatan bittinneessi. Qondaaltonni Misirii dhufan; Baniin Itoophiya'aa harka ufii Rabbitti ol badhisan. Yaa mootota ardii tanaa; Rabbii faarfadhaa'a! Goofta'aa weeddisaa'a; Ka dur irraa jalqabee samiiwwan turaniititti ol bayee fi ka laagaa ufii gudda'aan huursuu faarfadhaa'a. Gaachenni isaa Israa'eliin irra; hunni isaallee duumessaa ol; Rabbiin hunni teeti jedha'aanii. Yaa Rabbi! ati mana woyyuu keetitti maalale'e; Waandhi Israa'elii banii ufiitii hunnaa fi jajjabeenna kenna; Rabbiin galanni haa gayu! Yaa Waandhana; na oolchi; bisaan morma na gayeeraa. Hulee ijjata lukaa hin qabne; leephoo gad fagoo keessatti liqimfameeraa; bisaan xiillaa keessa seene; dambaliin na liqimse. Iyyee dadhabe; kokkeen na goge; Waaqa kiyya uduu eegu ijji na dimimmifte. Worri sababaa malee na jibban; rifeensa mataa kiyyaa irra baay'atan; worri jireenna kiyya balleessuu barbaadan; worri duwwamatti na jibba hin baay'atan; waan ani hin hanne deebisii fidi jedhan. Yaa Rabbi! ati gowwummaa kiyya ati hin beetta; yakki kiyyallee si jalaa hin dhokanne. Yaa Gooftaa'a! Waaqa duula maraa! worri si abdatan sababaa kiyyaaf hin saalfatin; Waaqa Israa'elii! worri jabeessanii si barbaadan; sababaa kiyyaaf haa salphatan. Siif jedhe arraba obseera; saalfadhee mataa ol qabachuu dadhabe. Obboleewwan tiyyaaf akka nyaaphaa; ijoollee haadha tiyyaatitti akka keessumma'aa ta'e. Hinaaffaan mana keetii na nyaate; arrabni si arrabsan na irra oole. Hennaa lubbuu tiyya soomaan mararsiise; isaan na arrabsan. Hennaa uffata gaddaa uffadhe; nama mammaakaa na godhan. Worra balbala dallayaa taa'anitti mata duree qaaqaa; worra machaayanii ka ittiin sirban ta'e. Yaa Rabbi! ani ammo sa'aatii ati jaalattetti si kadhadha; Waandhana! jaalala kee ka bara baraatiin; fayyinna kee ka dhuga'aatiin naa deebisi. Leephoo keessaa na baasi; akka liqimfamu na hin dhiisin; bisaan xiillaa irraa; worra na jibban sanniin irraa na oolchi. Lolaan na irra gara hin galin; bisaan xiillaan na hin liqimsin; boolli fottoqee natti hin cufamin. Yaa Rabbi! jaalalli kee ka bara baraa waan mishaa ta'eef naa dhagayi; haguma baay'inna gara laafummaa keetiitiin gara kiyya deebi'i. Fuula kee garbicha kee jalaa hin dhoffatin; rakkoo keessa waan jiruuf daddafii naa deebisi. Natti dhiyaadhuu na oolchi; diintota tiyya jalaa na furi. Arraba, saalaa fi salphinna na irra gaye hin beetta; diintota tiyyallee tokko tokkoon beetta. Arrabni onnee na miidheera; abdiin kiyyallee dhumateera; ka na jajjabeessu soqe; garuu hin arganne; ka na booharsu soqe; garuu tokkollee hin turre. Nyaata kiyya hadhooftu'uun wolitti makan; dheebonnaan dhangaggaayaa naa kennan. Nyaanni isaanii dhiyaate siiboo isaanitti haa ta'u; gumii isaaniitittillee sakaallaa haa ta'u. Ijji isaanii akka hin arginetti itti haa dukkanaawu; duddi isaanii hennaa maraa gad haa gogu. Dheekkamsa kee isaan irratti roobsi; balaan lola keetii dimmaa isaan irra haa gawu. Qe'een isaanii ona haa ta'u; ka daasee isaanii keessa jiraatu hin argamin. Worra ati dhaante waan ari'aniif, worra ati madeessitetti rakkinna baay'eessan. Yakka isaanii irratti yakka eda'i; gara balchummaa keetiillee hin seenin. Galmee jireennaa irraa haa haqaman; balchoota woliin hin laakkayamin. Ani ammo rakkinnaa fi hucuucama keessa jira; Waandhana! fayyisuun kee irkisee na haa qabu. Maqaa Rabbii faaru'uun jajadha; galataan isa kabajja. Sangaa caalaa; jibicha gaafaa fi qeensa baase caalaa kun Rabbiin gammachiisa. Hiyyeeyyiin kana argan; hin gammadan; isin worri Rabbiin barbaaddan garaan keessan haa gammadu. Rabbi worra rakkatan waan dhagayuuf; banii ufii ka hidhaa keessa jirullee hin tuffatu. Samiinii fi ardiin; galaannillee; wonti isaan keessa sosocho'u maruu isa haa galatoonfatanii. Rabbi Tsiyooniin hin oolcha; qachoota Yihuuda'aallee deebisee ijaara; baniin achi keessatti quphatee dhaala. Fiixaan garboota isaa isii dhaalan; worri maqaa isaa jaalatan achi keessa jiraatan. Waandhana! gara kiyya gorii na oolchi; Yaa Rabbi! na gargaaru'uuf ariifadhu. Worri jireenna kiyya balleessuu barbaadan; haa saalfatanii; raafamni isaanitti haa dhufu. worri miidhama kiyya hawwan; salphatanii duubatti haa deebi'an. Worri natti «Hashu! hashu!» jedhan; rifatanii duubatti haa deebi'an. Worri si barbaadan maruu ammo; siin haa usheexxanii; haa gammadanii worri fayyisuu kee jaalatan maruu hennaa maraa «Rabbi haa kabajjamu» haa jedhan. Ani garuu dadhaba'aa fi rakkata'a; Waandhana! dafii na dhaqqabi; Gargaaraan kiyya; ka na oolchullee si waan ta'eef Yaa Rabbi! hin turin. Yaa Rabbi! ani irkoo si godhadhe; horoma na hin saalfachiisin. Balchummaa keetiin na oolchi; na buusisiis gurra kee gara kiyya qabi; na hambisi. Ka hennaa maraa itti dhokadhu; goda irko'oo naa ta'i; ati godaa fi kushee kiyya waan taateef. ajanyi kee na oolchu'uuf haa bayuu. Waaqa kiyya! harka hamaa jalaa; ganaa dhartichaatii fi gar jabeessaa jalaa na baasi. Yaa Rabbi! Gooftaa'a! ati abdii kiyya; ati ijoollummaa kiyya irraa jalqabee hedoo kiyya waan taateef. Urga dhaladhe irraa jalqabee sitti irkadhe; ka gadaamessa haadha tiyyaa keessaa na baase si'i; Ati naaf galata hennaa maraati. Baay'e'etu ija baasaatiin na laale; Ati ammo dawoo kiyya jaba'a. Guyyaa maraa akka ulfinna kee odeessu; afaan kiyya galataan guuttameera. Bara jaarruma kiyyaatitti na hin gatin; hennaa hunni kiyya dhumatellee na hin dhiisin. Diintonni tiyya natti mari'ataniiran; worri lubbuu tiyya balleessuu barbaadan wolumaan murataniiran. Isaan, «Rabbi isa dhiiseera; ka isa buusisiisullee waan hin jirreef hordofa'aa qabaa'a» jedhan. Waandhana! na irraa hin fagaatin; Waaqa kiyya! na gargaaru'uuf ariifadhu. Worri diina natti ta'an haa mullan; haa badan; worri na miidhuu barbaadan; tuffatamu'uu fi salphinna haa haguuggatan. Ani ammo hennaa maraa si abdadha; galata irratti galata sii dhiyeessa. Arrabni kiyya waan balchummaa keetii; guyyaa guutuu waan fayyummaa keetii dubbata; haga itti dhaabullee hin beeku. Dhufee hujii jabaa Rabbii Goofta'aa labsa balchummaa kee callaa dubbadha. Waandhana! ati ijoollummaa kiyya irraa jalqabdee na barsiifte; anillee haga adhaa maalalee hujii keetii labsa. Waandhana! yoo jaaree arrii baasellee na hin dhiisin; irree kee dhaloota dhufuuf; hunna kee banii maayessa dhufu maraa haga ibsuuf. Waandhana! balchummaan kee haga Samiiwwanii gaya; ati waan gugurdaa gooteerta; Waandhana! ka akka keetii eennu? Yoo rakko'oo fi hucuucama natti baay'eessitellee jireenna kiyya deebiftee haarawoomsita; keessa lafa gad fago'ootii deebiftee na baafta. Ulfinna kiyya naa edaata; deebitee na jajjabeessita. Waaqa kiyya! waan amanamummaa keetiitiif kiraara sagalee guddaa dhageessisuun si galatoonfadha; woyyicha Israa'elii! masiinqo'oon si faarfadha. Hennaa ani faaruu sii dhiyeessu; afaan kiyya galataan guuttama; lubbuun tiyya ta ati furtellee hin ililfatti. Arranbi kiyya waan balchummaa keetii; guyyaa guutuu odeessa; worri miidhama kiyya barbaadan; mullaniiran; salphataniiranille'e. Yaa Rabbi! murtii kee mootichaaf; balchummaa kee ilma mooti'iitii kenni. Inni banii kee balchumma'aan murteessaaf; worra rakkataniillee dhugaa murteessa. Gaarran durummaa'a; tulloonni daraaraa balchumma'aa bani'ii fidan. Banii rakkatee hin tamaaggata; ijoollee hiyyeeyyi'ii hin oolcha; cunqursaallee hin butucha. Haga aduun jirtu; bara jiini jiru maraa; dhalootaa haga dhalootaatitti hin jiraata. Akka roobaatitti raasaa haamame irratti bu'a; akka tiifu'uutitti lafa jiisa. Bara isaatitti balchummaan hin bu'a; haga addeessi hule'ee dhabamtutti nageenni hin baay'ata. Galaanaa haga galaanaatitti; laga guddaa irraa haga daangaa lafaa bulcha. Worri lafa gammoojji'ii keessa jiraatan isa afo'otti sagadan; diintonni isaallee biyyee arraaban. Mootonni Tarseesiitii fi tulluu bisaaniin marfamtee; gibira dhiyeessaniif; mootonni Arabaatii fi ka Saaba'aa kennaa fidaniif. Mootonni maruu isaa sagadan; baniin maruu isa jalatti bulan. Hennaa rakkataan iyye; yataama'aa fi ka gargaarsa hin qabe hin oolcha. Hiyyeeyyi'ii fi worra rakkatee garaa laafa; worra yataamaa du'a oolcha. Jiruu isaanii cunqursa'aa fi daba jalaa oolcha; dhiinni isaanii isa afo'otti kabajjama'a. Umuriin isaa haa dheeratu; Saabaa irraa worqiin haa dhufuuf; hennaa maraa isaa haa kadhatan; guyyaa guutuu isa haa eebbisan! Midhaan lafa irratti haa baay'atu; sammuu gaarranii irratti haa daddaaqu; daraaraan isaa Libaanosii haa unkuruuru; ka qachaa keessa jirullee akka marga raasa'aa tuuttayee haa bayu. Maqaan isaa baraa haga bara baraa jabaatee haa jiraatu; gurri isaa haga bara aduun jiraattuu haa dheeratu; baniin maruu isaan haa eebbifamanii; baniin maruu ati eebbifama'a haa jedhaniin. Ka hojja ufii maalalee godhu; Rabbii Waaqa Israa'elii galanni haa gayu. Maqaan isaa kabajjamaan bara haga bara baraa haa galatoomu! ardiin maruu ulfinna isaatiin haa guuttamtu; Amiin! Amiin! Faateen Daawitii ilma Isseyii asitti dhumate. Rabbi worra garaan isaanii qulqulluu ta'e; Israa'elii attam arja'a! Sakaalladhee, mucucaadhee kufu'uuf ammo diqqomatu na hafe. Hammeeyyiin yoo milkaayan argee; worra dhibutti hinaafee ture. Ifaajee tokkollee hin qaban; nafti isaaniillee fayya'aa fi qanani'a'a. Rakkoon namoota irra gayu isaan irra hin gayu; akka namoota kaawwanii hin rakkatan. Kanaafuu uf jajuun faaya morma isaaniiti; dhibuu akka uffataatitti uffataniiran. Ija ufii ka coome babaasan; garaa isaanii keessa yaanni duwwaan guutee irra jiga; Balda'aa hammeenna dubbatan; mala miidhaniin dhayatan. Waaqatti dubbachuu uggan; arrabni isaanii ardii woliin gaya. Kanaaf baniin gara isaanii hurrisa; bisaan isaaniillee hagaa ol dhugan. «Sirima Rabbi attamitti beeka? Inni maraa olii beekkumsa qabaa?» jedhan. Eeganaa hammeeyyiin kana fakkaatan; hennaa maraa worra hajaa hin qabnee fi dureeyyi'i. Adaa ani akkanumaan garaa kiyya qulqulleeffadhe; adaa ani duwwamaaf gara laafumma'aan harka kiyya dhiqadhe. Guyya guutuu balaan natti bu'e; ganama ganama hin adabame. Uduu ani «akkana dubbadha» jedhee jiraadhee; silaa fiixaa ijoollee teetii hin gana ture. Hennaa waan kana hubachu'uuf yaale; hujii dadhabsiisaa natti fakkaate. Kun haga ani gara mana woyyuu Waaqaa seenutti; haga dhuma isaa arguuf ture. Dhugamaan hulee mucucaa isaan keette; gara badi'iillee isaan buufte. Attamitti dafanii yoosuu badan! sirima naasu'uun diiggaman. Akkuma namni yoo eebju'uu dammaqu ta'u; Gooftaa'a! atillee hennaa kaatu; akkuma suursa'aa duwwaa isaan goota. Hennaa lubbuun tiyya mararamte; hennaa garaan na cite; wollaala'aa fi ka si'a hin qabne ta'e; si afo'otti akka hori'ii ta'e. Kunillee ta'ee ani hennaa maraa sima woliin jira; atillee harka kiyya ka mirgaa na qabdeerta. Gorsa keetiin na masakkite; dhuma irratti gara ulfinnaa na seensifta. Ani sami'itti simalee eennuun qaba? lafa irrattillee si malee waan hawwu hin qabu. Foonii fi garaan kiyya dadhabuu danda'an; Rabbi garuu jajjabeenna garaa kiyyaa; hiree kiyya ka bara baraati. Kunoo worri si irraa fagaatan waan badaniif; Ati worra siif amanamtoota hin taane maraa hin balleessita. Anaaf garuu Rabbitti dhiyaachuu naa woyya; Rabbi Gooftaa irkoo kiyya godhadha; waan hujii keetii mara dubbachu'uuf. Waandhana! maaf baraa haga bara baraa nu gatte? hoolota tee ta hulee bobba'aa jirtutti maaf lolli kee bobaye? Gumii dur horii kee godhatte; gosa ufii horatte ta tee godhatte; gaara Tsiyoonii; ta hulee jireenna keetii godhatte yaadadhu. Tarkaanfii kee gara worra baraa haga bara baraa ona ta'ee qajeelchi; diinni waan mana kee woyyuu keessa jiru maraa balleesseera. Diintonni kee hulee kee ka wol gayi'iititti dhaadatan; malkata ittiin beekkaman achitti dhaabataniiran. Mukkiin araddaa keessaa muru'uuf; nama dhagaraa fudhatu fakkaatan. Hujii ogummaa harkaatiin bareechisan maraa; dhagara'aa fi burussa'aan caccabsan. Mana woyyuu kee gubanii balleessan; hulee maqaan kee jiraatu batteessan. Garaa ufii keessatti, «Sirima isaan cunqursina» jedhan; hulee Rabbi itti waaqeffame maraa hin guban. Malkanni arginu hin jiru; raanni ammaa achi ka'u tokkollee hin jiru; wonti kun nu biratti haga yoomii akka jiraatu nu keessaa ka beeku hin jiru. Waandhana! haga yoomii diinni sitti balda? nyaaphni kee baraa haga bara baraa maqaa keetitti baldaa? Ati maaf harka kee dachaafatta? maaf harka kee ka mirgaa bobaa jala kaayatta? Yaa Rabbi! dur irraa jalqabee mootii kiyya; fayyisuu kee lafa irratti goote. Ka hunna keetiin galaana adda qoode si'i; mataa bineeyyii galaana keessaa bisaan keessatti tumte. Mataa Leewaataanii hin butuchite; ka uumama lafa gammoojji'iitii nyaata taasiftee kennite; Burqaawwanii fi bisaan ka burqisiise si'i; laggiin uduu adda hin cinne yaa'an ka gosse si'i. Guyyaan keeti; halkanillee keeti; addeessaa fi aduu situ jabeesse. Daangaa ardi'ii maraa ka murteesse si'i; bonaa gannallee situ godhe. Yaa Rabbi! diinni attamitti akka baldu; baniin duwwaan attamitti akka maqaa kee salphise yaadi. Lubbuu handarii teetii dabarsitee busaawaa aradda'aatii hin kennin; jireenna banii kee ka rakkatee baraa haga bara baraa hin irraanfatin. Waadaa kee yaadadhu; huleen mogga'aa ka worri dhibu keessa jiraatuu fi lafa irra huleen dukkanaa waan baay'ateeruuf. Worri cunqurfaman mullanii hin deebi'in; hiyyeeyyiinii fi rakkattoonni maqaa kee haa galatoonfatanii. Waandhana! ka'i! kaayoo keetiif tamaaggadhu; namni duwwaan guyyaa guutuu akka si irratti cooru yaadadhu. Bookkisa nyaapholee keetii; dhaaduu diintonni kee hennaa maraa sitti ka'anii hin irraanfatin. Waandhana! galata sii dhiyeessina; maqaan kee waan dhiyoo ta'eef galata sii dhiyeessina; namoonnillee waan hujii kee ka maalale'ee dubbatan. Ati akkana jette, «Sa'aatii ufii fooyee murteessetti; ka qajeellumma'aan murteessu ana. Hennaa ardiinii fi baniin isi'ii maruu raafame; ka utubaawwan isi'ii jabeessee qabu ana. Ka uf jajuun, ‹Hin dhaadatin› hama'aanillee ‹Gaafa kee ol hin qabin› jedhaan; Gaafa kee gara sami'ii ol hin kaasin; mataa dhaabdee hin dubbatin.» Ulfinni baya adu'uutii; yookaan dhiya adu'uutii; yookaan lafa gammoojji'iitii waan hin dhufneef. Ka murteessu ammo Rabbi; Inni tokko gad qaba; tokko ol qaba. Harka Rabbii irra miju'utu jira; daadhiin woyini'ii ka akka misha'atti naqamee fi ka hoomachaayutu itti guuteera.; Inni mijuu keenna raasa'atti jisse; worri dhibu ka ardii irraa; uduu gagaan hin hafne coongisan. Ani ammo baraa haga bara baraa kana labsa; Waaqa Yaaqoobiitii faaruu dhiyeessa. Gaafa hammeeyyi'ii maraa hin cabsa; gaafni balchootaa ammo ol ol jedha. Rabbi Yihuuda'atti beekkame; maqaan isaa Israa'eliin biratti gudda'a. Daaseen isaa Saaleemiin keessa; hulee isaa ka bulti'ii Tsiyooniin keessa. Achitti eboo darbatamu; wonte'ee fi guraadee; woraanallee hin cabse. Ati ifa uffattee ifteerta; gaachenni keellee gaarran bara baraa caala. Worri onnee guutu'uu saamamaniiran; muganii rafaniiran; worra lolu keessaa ka harka ufii sochoosuu danda'e hin jiru. Waaqa Yaaqoobii! sababaa xixa keetiitiif fardinii fi worri farda yaabbatanii lolan maruu saabatanii rafaniiran. Sodaatamaan si calla'a; yoo ati lolte eentu si afoo dhaabatuu danda'a? Ati murtii kee sami'ii dhageessifte; laftillee sodaattee cadhifte. Waandhana! hennaan wonti kun ta'e; hennaa ati rakkattoota biyya lafaa fayyisu'uuf ati murti'iif kaate. Yoma namaan loltee ulfinna keetiif ta'a; worra lola kee irraa hafellee hin obsita. Rabbii Waaqa keessanii woreegaa'a; woreegallee galchaa'a; worri naannaya isaa jiran maruu; Isa sodaachisaa ta'ee kennaa haa fidanii. Inni hafuura worra bulchuu hin cabsa; mootota biyya lafaa birattillee Inni sodaatama'a. Laagaa ol qabadhee Rabbitti iyye; akka naa dhagayuuf gara Waaqaa iyye. Guyyaa rakkadhe Rabbiin kadhadhe; halkanillee uduu hin dadhabin harka kiyya badhise; lubbuun tiyya jajjabaachuu dadhabde. Waandhana! akkuma si yaaduun wixxifadha; haguma dhudhumeen hafuurri kiyya dadhabde. Ija tiyya akka wolitti hin qabanne na dhooggite; haga dubbachuu dadhabutti raafame. Bara durii yaadadhe; baroota durii hin dhudhume. Halkaniin faaruu kiyya qaabadhe; garaa kiyya woliin taphadhe; hafuurri kiyya dadammaqee akkana jedhee gaafate; «Dhugamaan Gooftaan haga bara baraa nama gataa? ammaa achi hoo sirima mishooma ufii hin mudhisuu? Jaalalli isaa hoo baraa haga bara baraa badee? waadaan inni gale hoo hin diiggamee? Rabbi arjoomuu hin irraanfatee? mo'o waan loleef gara laafummaa dhooggate?» Anillee, «Harki mirgaa ka Gooftaa maraa olii akka jijjiirame yaaduun kiyya kun dadhabbii kiyya» jedhe. Hujii Rabbii hin qaabadha; dhugama hujii maalale'ee kee ka durii hin yaadadha. Hujii kee maraa hin dhudhuma; hujii kee ka ajaa'ibaa maraa hin qaabadha. Waandhana! karaan kee woyyu'u; Waandhi guddaan akka Waaqa keennaa eennu? Waandhi maalalee hojjatu si'i; banii jiddu'uttillee hunna kee mudhifta. Ijoollee Yaaqoobiitii fi ijoollee Yooseefii; banii kee irree keetiin isaan furte. Waandhana! bisaannan si argan; bisaannan si arganii rifatan; gad fagoonillee hin raafaman. Duumessi bisaan coccobse; samiiwwan hin gigissan; falaqqifni bakakka'aa naannayatti ifan. Laagaan gigissaa keetii haboonbolattii keessatti dhagayame; bakakkaan kee adunyaa ibse; lafti hin sodaatte; hin hollatte. Karaan kee galaana keessa; deemsi kee bisaan guddaa keessa; faanti kee ammo hin beekkamne. Harka Muuse'eetii fi ka Aarooniitiin; banii kee akka gobbu'uutitti masakkite. Banii kiyya! barumsa kiyya dhagayi; gurra keellee gara dubbii kiyyaa qabadhu. Mammaakaan afaan baqaffadha; hibboo dur tureen dubbadha. Kana ka dhageennee fi ka beenne; waan abboonni teenna nutti himaniin. Nullee ijoollee isaanii jalaa hin dhossinu; galata Rabbii; hunna isaatii fi maalalee inni hojjate; dhala dhufutti hin himna. Yaaqoobii seera hundeesse; Israa'elittillee seera dhaabe; akka ijoollee ufii barsiisan; abboota teenna ajaje. Kanallee akka dhalli dhufu beekuuf; isaanillee koree ufiititti ijoollee ufii; worra durana dhalatutti akka himaniif. Isaan Rabbiin abdatan; hujii Rabbiillee hin irraanfatan; ajaja isaallee hin eegan. Isaan ammo akka abboota isaanii; morkattootaa fi worra dhibu; worra garaan isaanii hin qajeelle; dhala Hafuurri isaanii Rabbiin hin abdanne hin ta'an. Ijoolleen Efreemii worra buundhee hidhatan; yoo ta'anuu gaafa lolaa duubatti dacha'an. Waadaa Rabbii hin eenne; akkaataa seeraatitti deemuu didan. Hujii inni hojjate; maalalee inni mudhisellee hin irraanfatan. Uduu abboonni isaanii ijaan argan; Biyya Misiriititti; biyya Xaanewoosiititti; maalalee godhe. Galaana addaan qoodee isaan ceesise; bisaanillee akka tuula'aatitti ol dhaabe. Guyyaa duumessaan isaan masakke; halkan guutuullee ifa ibiddaatiin. Lafa gammoojji'iititti dhagaa baqasse; bisaan akka galaanaa baay'ate isaan obaase. Dhagaa qarsa'aa keessaa burqaa burqisiise; bisaan akka lagaatitti yaase. Isaan ammo lafa gammoojji'ii keessatti; Rabbii maraa olii didan Rabbiin yakkuu hin dhiifne. Nyaata guddisanii hawwan gaafachu'uun; Rabbiin garaa ufii keessatti qoran. Akkana jedhanii Rabbitti dubbatan; «Rabbi gammoojjii keessatti nyaata qopheessuu danda'aa? Inni dhagaa dhoofnaan bisaan dhangala'e; fincaayaanillee hin lola'an; eeganaa buddeenallee kennuu hin danda'aa? foon hoo bani'ii dhiyeessuu danda'aa?» Rabbi hennaa kana dhagaye guddisee lole; Yaaqoobiin irratti ibiddatu bobaye; Israa'elitti hin dheekkame. Rabbitti waan hin amanneef, fayyisuu isaallee hin abdanne. Inni ammo duumessa olii ajaje; balballan sami'iillee hin bane. Akka nyaataniif Mannaa isaanii roobse; nyaata sami'ii isaanii kenne. Namoonni buddeena maleekkotaa nyaatan; nyaatanii haga isaan irraa hafutti nyaata isaanii erge. Qilleensa baya biiftu'uu samii irraa kaase; qilleensa kibbaallee hunna ufiitiin fide. Foon akka biyye'eetitti; allaattiiwwan bararan akka shasharee galaana keessaatitti isaanii roobse. Qe'ee isaanii keessa; naannaya daasee isaaniititti isanii harcaase. Isaanillee haga quufanitti nyaatan; waan isaan hawwan waan isaanii kenneef. Garuu uduu hawwa ufii dheebuu hin baane; uduu nyaanni afaan isaanii keessa jiru; Dheekkamsi Rabbii isaan irra dhufe; worra isaanii keessaa jajjaba'a ufiin jedhan ajjeese; ijoollee Israa'elii ta akka abaabo'oollee hin qoome. Kun maruu ta'ee yakka ufii hin dhiifne; hujiiwwan isaa ka maalale'eellee hin amanne. Kanaaf baroota ufii duwwamatti; umurii isaaniillee naasu'uun fixe. Hennaa inni isaan ajjeese hin barbaadaniin; fedha garaa ufiitiin gara Rabbii deebi'an. Rabbi goda isaanii ka dhaga'aa; Waandhi maraa olii furaa isaanii akka ta'e qaabatan. Afaan ufiitiin ammo isa soban; arraba ufiitiin kijiba itti himan. Garaan isaanii isaan hin jabaanne; waadaa isaatiifillee amanamtoota hin turre. Inni ammo ka araaramaa waan ta'eef, yakka isaanii isaaniif dhiise; isaan hin balleessine; hennaa hedduu dheekkamsa uf dhoogge; balaa ufii maraa hin buufne. Inni qilleensa bayee hin deebine; nama foonii ta'uu isaanii yaadate. Hennaa meeqa gammoojjii keessatti isa dhiban! lafa onaatittillee hagam isa gaddisiisan! Dededdeebi'anii Rabbiin qoran; woyyicha Israa'elii hin dheekkamsiisan. Isaan irree isaa; ka inni diina jalaa isaan baaseen hin yaadanne. Malkata maalale'ee ka inni Misiritti godhe; hujii baasaa ka gammoojjii Zoo'aanii keessatti mudhise hin yaadanne. Laggiin isaanii dhiigatti jijjiire; fincaayaa ufiillee dhuguu hin dandeenne. Duula tiisisaa isaanitti gad dhiise; isaanillee isaan iddan; raacha isaanitti erge; isaanillee namoota balleessan. Midhaan isaanii awwaannisaaf; sanyii isaaniillee korophiisaa kenne. Biqiltuu woyinii isaanii barada'aan; muka hurbu'uu isaaniillee qorraan balleesse. Loowwan isaanii barada'aan; gobbuu loowwan isaaniillee ibidda bakakka'aatii kenne. Dheekkamsa ufii jabaa isaanitti erge; dheekkamsa ufii; lola ufii ka hinaaffa'aatii fi balaa ufii isaanitti erge; duula maleekka'aa ka balleessu isaanitti erge. Dheekkamsa ufiitiif karaa qopheesse; lubbuu isaanii du'a hin oolchine; jireenna isaanii ammo bala'aaf dabarsee kenne. Worra jalqaba hunna isaanii ta'an daasee Kaamiititti; hangaffan isaanii maraa biyya Misiriititti fixe. Banii ufii ammo akka hoola'aatitti isaan baase; lafa onaatitti akka gobbu'uutitti isaan masakke. Nagayaan isaan masakke; isaanillee hin sodaanne; diintota isaanii ammo galaanatu liqimse. Gara gaara woyyuu harki isaa argamsiiftee kana; gara biyya woyyitti'ii isaan galche. Banii isaan afo'oo ari'e; lafa isaanii ristii godhee isaanii qoode; gosa Israa'elii mana diintota isaanii keessa jiraachise. Isaan ammo Waaqa qoran; Waaqa maraa olii dhiban. Deebi'anii akkuma abboota isaanii gantoota ta'an; akka buundhee daddabaa hin amansiifne ta'an. Hulee isaanii ka itti sagadan ka tulloota gubba'aatitti isa dheekkamsiisan; waaqolee tolfamaa isaanii ka bocameen isa hinaafsisan. Rabbi hennaa kana dhagaye guddisee dheekkame; Israa'eliin sirima dhiise. Daasee namoota jidduu dhaabe; hulee bulti'ii ta Sheelo'oo hin dhiise. Malkata hunnaa akka booji'amu taasise; ulfinnallee dabarsee diinaa kenne. Banii dabarsee guraade'eef kenne; banii ufiititti guddisee dallane. Manguddoo isaanii ibiddatu nyaate; durba isaaniitii sirbi cidhaa hin sirbamne. Gadoonni isaanii guraade'een ajjeefaman; haati hiyyeessa ta isaanii boowuu dadhaban. Gooftaan akka waan hirribaa dammaquutitti ka'e; akka janna machiin irraa badeetitti ol jedhe. Diintota ufii dhayee uf duuba deebise; salphinna bara baraa isaanitti uwwise. Daasee Yooseefii hin dhiise; Gosa Efreemiillee hin filanne. Gosa Yihuuda'aa ammo; gaara Tsiyoonii ta jaalate hin filate. Mana ufii woyyuu akka ol gubbaa gudda'aatitti; akka lafa baraa haga bara baraa hundeesseetitti ijaare. Garbicha ufii Daawitiin filate; gooruu hoolotaa keessaa isa fuudhe. Yaaqoobii banii ufiitii; Israa'eliitii ristii isaatiif akka tissee ta'u; tika hoolota hoosifattuu keessaa isa fide. Inni garaa qajeela'aan isaan tisse; harka ogumma'aatiin isaan masakke. Waandhana! baniin ristii kee qabatan; mana kee woyyuu hin batteessan; Yerusaalemiinillee diiganii balleessan. Reeffa garboota teetii allaattii sami'iitii; foon woyyooya teetii busaawaa ardi'iitiif akka nyaatan kennaniif. Dhiiga isaanii naannaya Yerusaalemiititti akka bisaaniititti jissan; ka isaan awwaalullee hin argamne. Nullee olloota keennaa worra cooraa; worra naannaya keenna jiraniif worra kolfaatii fi worra itti baldan taane. Yaa Rabbi! kun haga yoomiiti? baraa haga bara baraa loltaa? hinaaffaan kee hoo akka ibiddaa bobaya'aa turaa? Banii si hin beenne; mootota maqaa kee hin waamne irratti balaa kee jissi. Yaaqoobiin waan nyaataniif; bakka jireenna isaallee ona godhaniiran. Cubbuu abboota teennaa nutti hin laakkayin; araarri kee dafee nu haa dhaqqabu; hucuucama irra waan jirruuf. Waaqaa fayyisaa keenna taate! ulfinna maqaa keetiitiif jedhii nu gargaari; maqaa keetiif jedhii nu oolchi; cubbuu keennallee nuu dhiisi. Baniin, «Waandhi isaanii meeti?» maaf haa jedhan? dhiiga tajaajiltoota teetii ka jigee; akka ati ija teenna afo'otti haluu baate baniin haa beekanii. Mararoon hidhamtoota teetii si bira haa gayu; jabeenna irree keetiitiin worra duuti itti murtaaye oolchi. Gooftaa! arraba ollaan keenna si arransan; dachaa torba godhii isaanii deebisi. Nu'u baniin kee; ta akka hoolotaatitti bobbaaftu; baraa haga bara baraa galata si dhiyeessina; dhalootaa haga dhalootaallee jasaa kee odeessina. Ka Yooseefiin akka gobbuu hoolotaatitti bobbaaftu; yaa tissee Israa'elii nuu dhagayi; ka Kiruubeeliin irratti teessoo irra teettu; ifa kee keessaan mudhadhu. Efreem, Biiniyaamii fi Minaasee afo'otti; ifii mudhadhu; hunna kee sochoosi; koottuu nu oolchi. Waandhana! nu deebisi; akka oollu fuula kee nuu ibsi. Yaa Rabbi! Waaqa banii maraa! haga yoomii faatee banii keetiitiin lolta? Buddeena imimmaanii isaan nyaachifte; akka bisaanii imimmaan isaan obaafte. Ollaa keennaaf sababaa gado'oo nu goote; diintonni teennallee nutti kolfan. Waaqa banii maraa! nu deebisi; akka oollu fuula kee nuu ibsi. Jirma woyini'ii biyya Misiriitii fidde; worra yihuudota hin taane ariitee isii dhaabde. Lafa hin cirteef; isiin hidda gad fageeffattee biyya guutte. Gaarran gaaddisa isi'iitiin uwwifaman; birbirsoonni gugurdaanillee haafa isi'ii jalatti boqatan. Dameewwan ufii haga galaanaa; luxuu ufii haga galaanaa dheereffatte. Eeganaa dhufa'aa lufaan; akka daraaraa isi'ii guuratu maaf kaloo isi'ii diidde? Booyyeen bosonaa bayee isii balleessa; tinni raasa'aa maruu isii nyaata. Eeganaa Waaqa banii maraa gara keenna deebi'i; sami'ii gad laali; argi; muka woyini'ii tana kunuunsi. Tun biqila harki kee ka mirgaa dhaabe; biqiltuu ufii margisiifte. Isiin ibiddaan gubatteerti; lolli fuula keetii isaan balleessa. Ilma namaa ka ufii jajjabeessite irraa; nama mirga keetiin jiru irra harki kee haa ta'u. Ammaa achi si dhiifnee uf duuba hin deebinu; jiraattota nu taasisi; nullee maqaa kee waamnaa. Yaa Rabbi; Waaqa banii maraa! nu deebisi; akka oollu fuula kee nuu ibsi. Waaqa jajjabeenna keenna ta'e gammachu'uun faarfadhaa'a; Waaqa Yaaqoobiitiif ililfadhaa'a! Faaruu jalqabaa'a; dibbeellee dhayaa'a; kiraara sagalee guddaa dhageessisuu fi masiinqo'oon; sagalee bareedaan faarfadhaa'a. Addeessa guutu'utti; guyyaa ayyaanaa keenna ka ulfinnaa; seensa ji'aatitti; hennaa baatiin baatu xurumbaa afuufaa'a. Kun seera Israa'elii kenname; murtii Waaqa Yaaqoobiiti. Hennaa biyya Misirii guutumatti dhiisee baye; kana Yooseefii murteesse; afaan hin beenneen ka akkana jedhu dhagaye; «Ceekuu isaa ba'aa jalaa baase; harka isaa keeshee akka hin qabanne boqachiise. Hennaa rakkatte na waamatte; anillee si oolche; hulee gigissaan itti dhokatu keessaa sii deebise; bisaan Mariba'aa biratti si qore. Banii kiyya! hennaa ani si seeru naa dhagayi; Yaa Israa'el! maal uduu na dhageettee! Si bira waandhi ormaa hin jiraatin; Waaqa biraatiillee hin sagadin. Ka biyya Misiriitii si baase; Ani Rabbi Waaqa keeti; afaan kee badhisii banadhu anillee sitti guutaa. «Baniin kiyya ammo na hin dhageenne; Israa'elillee harka hin kennadhu jette. Kanaafuu akka karoora hawwii ufiitiin deeman; dabarsee worra garaa jabaatanitti isaan kenne. Maal uduu baniin kiyya na dhagayee jiraatee; Israa'elillee uduu karaa kiyyaan deemee jiraatee; Ani silaa daddafee diintota isaanii jilbiiffachiisa ture; harka kiyyallee nyaapholee isaaniititti kaasa ture. Worri Rabbiin jibban isa afo'otti hollatan; adabbiin isaaniillee haga bara baraati. Isin ammo qamadii filatamaa isin nyaachisa; damma goda keessaallee isin quubsa.» Rabbi gumii waaqolee tolfama'aa keessa taa'ee maqaa baye; waaqolee tolfama'atti hin murteessa; akkana jedha, «Haga yoomii haqa dabsitan? haga yoomii hammeeyyi'iillee dalamtan? Worra hunna hin qabnee fi hiyyeeyyi'ii murteessaa'a; mirga rakkata'aatii fi ka fayyaalessaa kabajjisiisaa'a. Ka fira hin qabnee fi rakkataa oolchaa'a; dharticha harkaa isa buusisiisaa'a. «Isaan beekkumsaa fi hubannaa hin qaban; dukkana keessa asii fi achi deddeeman; hundeewwan lafaa maruu raafaman. «Anillee, ‹Isin waaqolee tolfama'a; isin maruu ijoollee Rabbii maraa oliiti› jedhe. Isin ammo akkuma nama kaawwanii duutan; akkuma bulchaa kamiituu kuftan.» Waandhana! ka'i; ardii irratti murteessi; baniin maruu waan ristii kee ta'aniif. Waandhana! hin cadhisin; Waandhana! cadhiftee hin laalin. Diintonni tee attamitti akka kakka'an; nyaapholeen tee attamitti akka mataa ol qabatan laali. Banii kee irratti dhara tumatan; ijoollee tee ta jaalatamte irratti mari'atan. «Ammaa achi maqaan Israa'elii akka hin qaabatamne; akka banii hin taane koottaa isaan haa balleessinuu» jedhan. Yaada tokkoon wolii galanii mari'atan; si irratti wolii kakatan. Daaseewwan Eedoomiitii fi ka worra Ismaa'elii; daaseewwan Moo'aabiitii fi ka worra Aggaarotaa; Geebaal, Amoonii fi Amaaleqi, Filisxeemiillee banii Xiroosii woliin dhara dhayan. Asoor isaaniin wolii gale; ijoolleen Looxiillee gargaaraa isaanii ta'an. Akkuma worra Miidiyaamii irratti goote isaan irrattillee godhi; wonti ati laga Qiisooniititti Siisaara'aa fi Iyyaabiisiin irratti goote isaan irra haa gayu. Isaan Ayindooritti badan; akkuma shufuroo lafaa ta'an. Qondaaltota isaanii akka Heereebiitii fi akka Zeebii; abboota murti'ii isaanii maraa akka Zabiheeliitii fi akka Silmaana'aa isaan godhi. Kunniin worra «Hulee Rabbii ka margaa; fudhannee kenna haa taasifannuu» worra jedhan. Waaqa kiyya! akka daaraa haboonbolatti'iin oofamuu; akka buraa qilleensa afo'oo isaan taasisi. Akkuma ibiddi bosona gubu; akkuma arrabni ibiddaa gaara gubu, Akkasuma bubbee keetiin isaan ari'i; dambalii keetiin isaan naasisi. Yaa Rabbi! akka maqaa kee hawwan; fuulli isaanii haa saalfatu. Baraa haga bara baraa haa saalfatan; haa raafaman; salphatanii haa badan. Akka maqaan kee Rabbiin callaa ta'e; akka ardii maraa irratti ka maraa ol taate haa beekanii. Waaqa banii maraa! huleen tee ta jireennaa attam jaalatamtu'u! Lubbuun tiyya bayimman Rabbii yaaddi; guddifteellee dharraati; garaanii fi foon kiyyallee, Waaqa jiraata'aa ililfadhaa'a. Mooti'ii fi Waaqa kiyya; Waaqa banii maraa; bakka huleen ciinca'aa kee jiru; simbirti didiqqoonuu bakka jireennaa; handariin didiqqoonillee goom'ee ilmoolee ufii jiraachiftu argatte. Worri mana kee keessa jiraatan worra eebbaati; isaan baraa haga bara baraa si galatoonfatan. Worri jajjabeenna ufii si taasifatan; worri garaa ufii keessatti karaa Tsiyoonii dhudhuman; worra eebbaati. Isaan hennaa dhooqa gogaa «Bakaa» jedhamu keessa lufan; Rabbi burqaa isaaniif burqisiisa; haroowwan isaanii rooba badheessaatiin guuta. Hunna irraa gara hunnaa ceeyan; isaan maruu Waaqa Tsiyooniin jiru afoo dhiyaatan. Waaqa banii maraa! faatee kiyya dhagayi; yaa Waaqa Yaaqoobii! naa caqasi. Waandhana! wontee keenna nuu laali; ka muuddellee laali. Bakka biraa guyyaa kumaa jiraachuu irra; guyyaa tokko bayima kee keessa ooluu woyya; daasee hammeeyyi'ii keessa taa'uu irra; balbala mana Waaqa kiyyaa dhaabachuu filadha. Rabbi Waandhi adu'uu fi wontee waan ta'eef; Rabbi gaachena fi ulfinna namaa kenna; Rabbi worra qajeellumma'aan jiraatan; waan mishaa isaan hin dhooggatu. Waaqa banii maraa! namni sitti amane ka eebbaati. Yaa Rabbi! lafa keetii waan mishaa oolteerta; boojuu Yaaqoobiillee hin deebifte. Yakka banii keetii hin dhiifte; cubbuu isaanii maraa hin golgite. Balaa kee maraa hin fageessite; dheekkamsa kee jabaa irraallee hin deebite. Waaqa fayyisaa keenna taate; nu deebisi; dheekkamsa kee ka nutti bobaye nu irraa deebisi. Baraa haga bara baraa nuun loltaa? dheekkamsi kee hoo dhalootaa haga dhalootaa lufaa? Baniin kee akka siin usheexxu; deebiftee jiraattota nu hin taasiftuu? Yaa Rabbi! jaalala kee nutti mudhisi; fayyinna kee nuu arjoomi. Ani waan Rabbi Waandhi dubbatu hin dhagaya; banii ufiititti; woyyootatti nagaya waan dubbatuuf; isaan ammo yoo gara hujii ufii duwwa'aatitti deebi'uu baatan; Akka ulfinni isaa ardii teenna irra jiraatu; fayyisuun isaa dhugamaan worra isa sodaatanitti dhiyo'o. Jaalallinii fi amanamummaan wol argatan; balchummaanii fi nageenni wol ammatan. Amanamummaan lafaa biqilte; balchummaan sami'ii gad laalte. Rabbi waan mishaa arjooma; ardiin teenna daraaraa ufii kenniti. Balchummaan isa afoo deema; deemsa isaatiif karaa qopheessa. Yaa Rabbi! gurra kee gara kiyya qabi; naa dhagayi; ani hiyyeessaa fi rakkataa waan ta'eef. Ani nama siif fooyame waan ta'eef lubbuu tiyya eegi; ati Waaqa kiyya garbicha kee ka si abdate oolchi. Yaa Gooftaa! garaa naa laafi; guyyaa guutuu waan gara kee iyyuuf. Lubbuu garbicha keetii gammachiisi; yaa Gooftaa'a! lubbuu tiyya waan gara kee kaasuuf. Yaa Gooftaa'a! ati arja'aa fi ka namaa dhiiftu; worra si waamu maraafuu jaalalli kee daangaa hin qabu. Yaa Rabbi! faatee kiyya caqasi; iyya kadhaa kiyyaa naa dhagayi. Ati waan naa deebiftuuf; guyyaa rakkadhe si waamadha. Gooftaa'a! Waaqolee keessaa ka akka keetii hin jiru; hujiin hujii keetiin wol qixxaayu hin jiru. Gooftaa'a! baniin ati uumte maruu; dhufanii si afo'otti sagadan; maqaa keetiifillee ulfinna kennan. Ati waan guddaa taateef maalalee hojjatta; Ati ufumatti Waaqa. Yaa Rabbi! karaa kee na barsiisi; dhugaa keetiin deemaa; akka maqaa kee sodaadhu onnee hin qoqqoodamne naa kenni. Gooftaa'a! Waaqa kiyya! onnema kiyya guutu'uun si galatoonfadha; maqaa keellee baraa haga bara baraa kabajja. Jaalalli ati natti mudhifte waan guddoo taateef; lubbuu tiyya gad fageenna asaabaa keessaa baafte. Waandhana! worri uf tuulu natti ka'aniiran; gumiin worra dhiba'aa lubbuu tiyya barbaadan; sillee womattuu hin laakkofne. Gooftaa'a! ati ammo Waaqa araaraatii fi gara laafessa; ka dheekkamsatti hin jarjarre; ka jaalallinii fi amanamummaan kee baay'ate. Gara kiyya laali; garaa naa laafi; hunna kee garbicha keetii kenni; mucaa garbittii teetii oolchi. Worri na jibban arganii akka mullan; malkata mishooma keetii natti mudhisi; Yaa Rabbi; ati na gargaarteerta; na jajjabeessiteertalle'e. Hundee gaarran woyyooman irratti dhaabe. Rabbi hulee bulti'ii ka Yaaqoobii maraa caalaa balballan Tsiyoonii jaalata. Ati qachaa Rabbii! wonti kee ka ulfinnaa akkana jedhamee himama; Worra na beekan keessaa; Ra'aabii fi Baabilooniin maqaa dhaya; kunoo Filisxeemii Xiroos Itoophiyaa woliin ‹namni kun achitti dhalate› jedhan.» Dhugama waan Tsiyoonii «Kunillee namni sunillee isii keessatti dhalatan; Ka maraa olii Inninuu isii jabeessa» jedhama. Rabbi yoo banii ufii galmeessu; «Namni kun achitti dhalate» jedhee barreessa. Worri faarsan; worri meeshaa taphatan; «Burqaan maruu si keessatti argama» jedhan. Yaa Rabbi! Waaqa fayyisaa kiyya taate! halkanii fi guyyaa si afo'otti iyya. Faateen tiyya si bira haa geettu! gurra kee gara iyya kiyyaa deebisi! Lubbuun tiyya waan guddiftee rakkatteef; jiruun kiyyallee gara asaabaa dhiyaateera. Ani worra gara boollaa bu'an woliin laakkayame; ani hunna dhabe. Akka worra du'ee awwaala keessatti gatamanii; akka worra ajjeefamanii awwaala keessa ciisanii; akka worra ati ammaa achi hin yaadannee; akka worra si harkaa bayanii badanii ta'e. Qilee gad fagoo keessatti na gatte; boolla dukkanaayaa keessa na buufte. Dheekkamsi kee ulfaataan na irra bu'e; dambalii keellee na irra gara galchiteerta. Hiriyyoota kiyya ka natti dhiyaatan na irraa fageessite; akka isaan na ceem'an goote; marfameera; bayuu hin danda'u. Ijji tiyya gaddaan dadhabde; Yaa Rabbi! hennaa maraa si waamadha; harka kiyyallee gara kee ol kaase. Hujii kee maalalchiisaa du'ootatti mudhiftaa? hafuurri worra du'ee ka'ee si galatoonfataa? Jaalalli kee awwaala keessatti; amanamummaan kee hulee badi'iititti hin dubbattii? Hujiin maalalchiisaan kee bakka dukkanaatitti; balchummaan kee hoo lafa irraanfatamtetti hin beekkamtii? Yaa Rabbi! ani ammo akka na gargaartuuf gara kee iyya; ganamaan ka'ee faateffadha. Yaa Rabbi! maaf na fageessita? fuula kee hoo maaf na dhoffatta? Ani ijoollummaa kiyya irraa jalqabee; rakkata'aa fi ka du'uu gaye ture; balaan kee na leelalche; faallaa natti ta'e. Dheekkamsi kee natti jige; balaan kee na balleesse. Akka lola'aa guyyaa guutuu na marsan; wol ta'anii naannaya kiyya dallayanii na qaban. Jaalallo'oo fi hiriyyaa kiyya na irraa fageessite; goshoon kiyya dukkanuma callaa ta'e. Yaa Rabbi! waan jaalala kee ka bara baraatiif hennaa maraa faarfadha; amanamummaa kee dhalootaa haga dhalootaa afaan kiyyaan hima. Akka ati jaalala kee ka bara baraa hundeessitu; amanamummaa keellee sami'itti akka jabeessitu hin dubbadha. Ati akkana jetteerta, «Ka filadhe woliin waadaa galeera; Garbicha kiyya Daawitii kakadheera; «Fiixaa kee baraa haga bara baraa dhaaba; teessoo keellee dhalootaa haga dhalootaatitti dhaaba.» Yaa Rabbi! samiiwwan hujii maalale'ee kee; amanamummaa keellee gumii woyyootaa jiddu'utti jajan. Ol gubbaa sami'iititti; eentu Rabbiin wol qixxaayuu danda'a? uumama samiiwwanii jiddu'uu eentu Rabbiin fakkaata? Rabbi ka gumii woyyootaa jiddu'utti sodaatamu; waan naannaya isaa jiru maraa caalaa guddisee kabajjama'a. Yaa Rabbi! Waaqa banii maraa! ka akka keetii eennu? Yaa Rabbi! Ati jaba'a; amanamummaan kee si marseera. Ati dheekkamsa galaanaa hin tooyatta; yoo dambaliin ka'u hin cadhisiifta. Ra'aabiin akka waan qalameetitti butuchite; irree kee jaba'aan diintota kee bittinneessite. Samiiwwan keeti; ardiinillee teeti; adunya'aa fi waan isii keessa jiru maraa situ hundeesse. Ka kaabaa fi kibba uume si'i; Taaboorii fi Armoni'eem maqaa keetiin usheexxan. Ati ka irree jaba'aati; harki kee jaba'a; harki kee ka mirgaa hunna qaba. Balchummaanii fi handhi hundee teessoo keetiiti; jaalallinii fi amanamummaan si afoo deeman. Yaa Rabbi! baniin ililfachuu beeku; ka ifa fuula keetiitiin deemu eebbifama'a; Guyyaa guutuu maqaa keetiin gammadan; balchummaa keetiin usheexxan. Ati ulfinna jajjabeenna isaanii waan taateef; gaachena keetiin gaafa keenna ol qabde. Wonteen keenna ka Rabbii waan ta'eef; mootiin keennallee kama woyyicha Israa'eliiti. Hennaa san mudhataan dubbatte; banii kee amanama'aan akkana jette; nama jabaa baallii itti uwwise; ka banii keessaa filatame ol ol qabeen. Garbicha kiyya Daawitiin argadhe; sayitii kiyya woyyu'uun isa dibe. Harki kiyya isa irkisa; irreen kiyya isa jabeessa. Diinni isa hin caalu; namni hamaan isa hin mooyatu. Nyaapholee isaa isa afo'otti isaan butucha; diintota isaallee hin adaba. Amanamummaanii fi jaalalli kiyya isa woliin ta'a; maqaa kiyyaan gaafni isaa ol ol jedha. Harka isaa galaana irra; harka isaa ka mirgaa laggiin irra godha. Inni, ‹Ati abbaa kiyya; Waaqa kiyyaa fi goda ittiin oolu› jedhee na waama. Anillee hangafa isa taasisa; mootota ardii irraa caalaa ol jedha. Jaalala kiyya baraa haga bara baraa eegaaf; waadaan isa woliin gale jabaatee jiraata. Fiixaa isaa baraa haga bara baraa; teessoo isaa haga umurii samiiwwaniititti jabeessa. «Ijoolleen isaa yoo seera kiyya dhiisan; yoo ajaja kiyya hin eenne; Yoo seerrata kiyya diigan; yoo ajaja kiyya hin kabajjine; cubbuu isaaniitiif ule'een; yakka isaaniitiif shabbeenaan isaan adaba. Jaalala kiyya ka bara baraa ammo isa irraa hin fageessu; amanamummaa kiyyallee isa jalaa hin hanqisu. Waadaa kiyya hin diigu; waan afaan kiyyaa bayellee hin gaabbu. Hennaa tokko waan woyyummaa kiyyaan kakadheef; Daawitiin hin sobu. Fiixaan isaa baraa haga bara baraa; teessoon isaallee na afo'otti akka adu'uu jabaatee jiraata. Akka ji'a ragaa amanamtuu taatee samii jiraattuutitti; baraa haga bara baraa hundeeffama. Ati ammo hin tuffatteen; hin gatteen; ka muudde guddiftee lolteen. Waadaa garbicha kee woliin galte hin diidde; gulloo isaa ka ulfinnaa daaraa irra buuftee salphifte. Dallawa isaa maraa hin diidde; maandhee isaallee hin balleessite. Dhufa'aa lufaa maratu isa saame; ka ollaan itti baldu ta'e. Harka mirgaa ka diintota isaa ol qabde; nyaapholeen isaa maruu hin gammadan. Qara guraadee isaa hin balleessite; hennaa lolaallee isa hin gargaarre. Gaachena isaa jalaa balleessite; teessoo isaallee biyye'etti edaate. Bara ka'imummaa isaa hin gabaabsite; salphinna itti uwwifte. Yaa Rabbi! kun haga yoomii ta'a? baraa haga bara baraa uf dhossitaa? dheekkamsi kee haga yoomii akka ibiddaa bobaya? Barri kiyya hagam akka gabaabduu taate yaadi; ilmaan namaa duwwama akkanumaan isaan uumtee! Namni uduu hin duune jireenna jiraatu jiraa? eentu awwaala jalaa uf oolchuu danda'a? Gooftaa'a! amanamummaan kee ka Daawitii kakatteen; jaalalli kee ka durii eessa jira? Gooftaa'a! garbicha kee hagam akka itti baldan; mudaa namoota hedduu akka baadhadhe yaadadhu. Yaa Rabbi! nama diintonni kee itti baldan; deemsa nama ati muuddetti akkaataa isaan itti tuffatan yaadi. Baraa haga bara baraa Rabbiin galanni haa gayu! Amiin! Amiin! Yaa Rabbi! ati dhalootaa haga dhalootaatitti irkoo nuu taate. Uduu gaarran hin uumamin; uduu ardi'ii fi adunyaa hin uumneen dura; Ati baraa haga bara baraa Waaqa. Namoota gara biyye'ee deebifta; «Ilmaan namaa gara hulee keessanii deebi'aa'a» jetta. Woggaan kumaa si afo'otti; akka guyyaa kaleessa luftee; haga halkan keessa hennaa diqqo'ooti. Hennaa ati haxooftee isaan fudhattu; akka eebju'uu badan; akka marga ganamaatitti deebi'anii margan. Margi ganama mutee lalisa; galgala quuree goga. Dheekkamsa keetiin waan dhumneerruuf; balaa keetiin naaneerra. Yakka keenna uf afoo; cubbuu keenna ka dhossa'aallee ifa fuula keetii afoo keette. Barri keenna maruu dheekkamsa keetiin lufeera; umurii keennallee mararo'oon fixanna. Barri umurii keennaa woggaa torbaatama; yoo guddate saddeettama; yoo achii olillee ta'e dadhabbi'ii fi rakko'o; dafee waan lufuuf; nullee dafnee lufna. Hunna dheekkamsa keetii eentu beeka? balaan kee haguma sodaatamuu keetiititti gudda'a; Onnee ogummaa qabdu akka qabaannu; umurii keenna laakkayuu nu barsiisi. Yaa Rabbi! deebi'i; kun haga yoomii ta'a? tajaajiltoota teetii garaa laafi. Bara keenna marattuu akka gammannu; akka usheexxinu; jaalala kee ganamaan nu quubsi. Haguma bara rakkoo nutti mudhifteetitti; bikkuma baroota waan hamaa argineetitti; nu gammachiisi. Hujiin kee tajaajiltoota teetitti; ulfinni keellee ijoollee isaaniititti haa mudhatu. Gaachenni Waaqa Gooftaa keennaa nu irra haa ta'u; hujii harka keennaa nuu milkeessi; Ee; nuu milkeessi. Namni isa maraa oliititti irkatee jiraatu; gaaddisa Waaqa maraa danda'uu jala jiraata. Rabbiin, «Irkoo kiyya; maandhee kiyya; Waaqa kiyya ka abdadhu» jedhaan. Inni siiboo dhadhooltu'uu jalaa; ciisa dhukkuba rakkisaa jalaa waan si oolchuuf. Koola ufiitiin si golga; bobaa ufii jalatti si dhoffata; amanamummaan isaa wonte'ee fi ka waa si irraa ittisu sii ta'a. Waan halkan nama naasisu; eboo guyya'aan darbatamullee hin sodaattu. Dhibee hamaa halkanii; balaan guyya'aan nama balleessullee si hin sodaachisu. Si biratti kumni; mirga keetitti kuma kudhantu kufa; si bira ammo hin gayan. Ija tee calla'aan laalta; hennaa worri waan hamaa hojjatan adabaman hin argita. Rabbiin hulee ati itti dhokattu; Waaqa maraa olii waan irkoo godhatteef, Wonti hamaan si hin argatu; balaan mana kee hin seenu. Akka isaan karaa kee irratti si eegan, maleekkota ufii waan sii ajajuuf. Miilli kee akka dhaga'atti hin buune; isaan harka ufiitiin si irkisan. Yayyi'ii fi bofa irra ijjatta; leencaa fi jawweellee irra deemta. «Waan na jaalateef hin oolchaan; maqaa kiyya waan beekeef isa golga. Inni na waamata, anillee isaa deebisa, hennaa rakkinna isaallee isa woliin ta'a, isa oolcha, hin kabajjaan. umurii dheeraa isaa kenna; fayyisuu kiyyallee isatti mudhisa» jedha. Rabbiin galatoonfachuun waan aaga! Waaqa maraa olii! maqaa keetiif faaruu faarfachuun misha'a; Ganama ganama araara kee, halkan ammo waan dhugaa keetii dubbachuun misha'a. Kiraara sagalee guddaa dhageessisu; ka miseensa kudhan qabuu fi masiinqo'oon galata galchuun misha'a. Yaa Rabbi! hujii keetitti waan gammadeef; waan hujii harka keetiitiif gammachu'uun faarfadha. Yaa Rabbi! hujiin kee attamitti gudda'a! yaanni keellee guddisee gad fago'o! Wollaalaan kana hin beeku; gowwaanillee kana hin hubatu; Hammeeyyiin akka margaatitti yoo margan; worri hammeenna hojjatan yoo lalisanillee; baraa haga bara baraa badan. Yaa Rabbi! ati ammo Waaqa guddaa maraa oliiti. Yaa Rabbi! diintonni kee hin badan; worri dhara hojjatan maruu hin bittinnaayan. Ati gaafa kiyya ammo akka gaafa Gafarsaatitti ol qabde; dhadhaa oo'a'aan na dibde. Ijji tiyya hennaa diintonni tiyya salphatan argite; gurri kiyyallee bututa worra na miidhanii dhagaye. Balchoonni akka muka meexxi'ii daraaran; akka birbirsa libaanosii hardaaqan. Mana Rabbii keessa dhaabamaniiran; bayima Waaqa keennaatitti babadhatan. Hennama dulloomanuu hin daraaran; akkuma lalisanii fi jabaatanitti jiraatan. «Rabbi sirri'i; Inni goda kiyya; isa bira mudaan hin jiru» jedhan. Rabbi hin mooye; gaachenallee hin uffate; Rabbi gaachena uffate; jajjabeenna hin hidhate; adunyaan akka hin raafamnetti dhaabatteerti; eennullee isii hin sochoosu. Teessoon kee dur irraa jalqabee jabaateera; Ati baraa haga bara baraa jirta. Yaa Rabbi! laggiin ol ka'aniiran; laggiin sagalee ufii ol qabatan; laaggiin dambalii ufii ka huursu ol qaban. Huursaa bisaan hedduu irra; bubbee galaanaa irra; Rabbiin ol gubbaa jiru jaba'a. Seerri kee jaba'a; yaa Rabbi! baraa haga bara baraa manni kee woyyumma'aan bareeda. Waaqa haluu baatu; ati yaa Rabbi! Waaqa haluu baatu; ifii mudhadhu. Ati abbaa murtii ardi'ii; ka'i; worra uf jajanii hujii harka isaanii kenniif. Yaa Rabbi; hammeeyyiin haga yoomii; hammeeyyiin haga yoomii burraaqan? uf tuultoonni jechoota gad naqan; worri waan hamaa hojjatan maruu uf jajan. Yaa Rabbi! banii kee hin butuchan; banii kee hin cunqursan. Haadha hiyyeessaatii fi galaa hin ajjeesan; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabne hin ajjeesan. Isaan, «Rabbi hin argu; Waandhi Yaaqoobii hin hubatu» jedhan. Isin wollaatonni banii keessa jirtan; qaabadhaa'a! isin worri gowwaan; yoom ka ogeeyyii taatan? Ka gurra namaa kenne hin dhagawuu? ka ija uume hin arguu? Ka banii xixee kara'atti deebisu; ka beekkumsa ilmaan namaa barsiisu hin adabuu? Rabbi yaanni namaa duwwaa gatii hin qabne akka ta'e hin beeka. Yaa Rabbi! namni ati gorsitu; ka ati seera kee barsiiftu ka galataati. Haga cubbamtootaa boolla qotutti; isa rakkoo irraa hara baafachiifta. Rabbi banii ufii hin gatu; banii ufiillee hin dhiisu. Murtiin deebi'ee seera balchumma'aa irratti hundaaya; worri garaa qajeela'aa maruu isa hordofan. Ka hammeeyyii na irraa dhooggu eennu? worra dhara dhayu woliin ka naa mormu eennu? Uduu Rabbi gargaaraa kiyya ta'uu baatee; silaa lubbuun tiyya daftee gara worra du'anii cadhisanii buuti turte. Hennaa ani, «lutti tiyya na mucucaatte» jedhe, Yaa Rabbi jaalalli kee irkisee na qabe. Haguma hucuuccaan garaa kiyya keessaa guddateen; jajjabeessuun kee lubbuu tiyya gammachiise. Ka dhibuu akka seeraatitti laalu; masakkaan murtii dabsu, siin wolii galaa ree? Balcha'atti hiriiraan bayan; qulqulloota irratti du'a murteessan. Rabbi ammo anaaf maandhee; Waandhi kiyya goda itti irkadhu naa ta'eera. Yakka isaanii isaanumatti deebisa; hammeenna isaaniitiif isaan balleessa; Rabbi Waandhi keenna isaan diiga. Koottaa'a; gammada'aa Rabbii haa faarsinuu! goda fayyinna keennaatitti haa ililfannuu! Galata qabannee isa afoo haa dhiyaannuu; faaru'uun isa haa janyuu. Rabbi Waaqa guddaa waan ta'eef; waaqolee maraa caalaa mootii gudda'a. Gad fagoowwan ardi'ii isa harka jiran; qacceewwan gaarraniillee ka isaati. Inni waan isa uumeef; galaanni ka isaati; lafa gogaallee harka isaatitu uume. Koottaa'a; isa haa waaqeffannuu! isaa haa sagannuu! Rabbii uumaa keenna afo'otti haa jilbiiffannuu. Inni waan Waaqa keenna ta'eef; nu'u hoolota tika isaa jala jiru; banii inni bobbaasu; adha yoo laagaa isaa dhageettan; «Akka hennaa lafa gammoojji'ii Maasa'atti guyya'aan; akkuma Mariiba'attillee gootan san garaa hin jabaatinaa. Yoma hujii kiyyallee argan abboonni teessan achitti na qoran; guddisanii na qoran. Dhaloota san woggaa afurtamaa guutuu loleen; Ani, «Banii garaan fagaate; ka karaa kiyyallee hin beenne» jedhe. Kanaafuu «Sirima gara hara baafannaa kiyyaa hin galan» jedhee; lolee kakadhe. Rabbii faaruu haarawa faarsaa'a! ardiin maruu Rabbii faarsaa'a! Rabbii faarsaa'a; maqaa isaa eebbisaa'a! fayyisuu isaa guyyama mara odeessaa'a! Ulfinna isaa banii jiddu'utti; hujii isaa ka maalale'ee namoota maraa afo'otti odeessaa'a. Rabbi waan guddaa ta'eef jajuun isa barbaachisa; waaqolee maraa irra sodaatamuu barbaachisa; waaqoleen ormaa maruu waaqolee tolfama'a; Rabbi ammo samiiwwan uume. Ulfinninii fi gaachenni isa afoo jiran; jabeenninii fi mishummaan mana isaa woyyuu keessa jiran. Isin gosa bani'ii; Rabbiin galatoonfadhaa'a; ulfinnaa fi jajjabeenna isaa jajaa'a. Ulfinna maqaa isaatiif ta'u Rabbii dhiyeessaa'a; kennaa qabadha'aa bayima isaa keessa seenaa'a. Hulee woyyuu isaatitti Rabbiif sagadaa'a! baniin ardi'ii maruu isa afo'otti holladhaa'a! Banii jiddu'utti «Rabbi mooye» jedhaa'a; lafti jabeennaan hundeeffamteerti; hin raafamtu; Inni banii maraafuu wol qixa murteessa. Samiiwwan haa gammadanii; ardiinillee haa usheexxituu; galaanninii fi wonti isii keessa jiran maruu haa ililfatanii. Raasaanii fi wonti isii keessa jiru maruu haa gammadanii; yoo san mukkiin bosonaa maruu gammachu'uun faarfatan. Inni waan dhufuuf isa afo'otti faarfatan; ardii irratti murteessu'uuf dhufa; adunyaa irratti balchumma'aan; banii irratti dhuga'aan murtii kennan. Rabbi mooyeera; ardiin haa gammaddu; worri fagoo qacceewwan galaanaa jiran haa usheexxan! Duumessinii fi hurriin guddaan naannoo isaa jiran; Haqaa fi balchummaan hundee teessoo isaati. Ibiddi isa afoo deema; diintota naannaya isaa hin fixa. Falaqqifni bakakka'aa adunyaa ibse; ardiin argitee hollatte. Gaarran Rabbiin afo'otti; Gooftaa ardii maraa afo'otti akka gaga'aa baqan. Samiiwwan balchummaa isaa hin labsan; baniin maruu ulfinna isaa argan. Worri fakii bocamee sagadan worri waaqolee tolfamaa hedatan maruu haa saalfatanii; isinillee waaqoleen tolfamaan maruu isaa sagadaa'a. Yaa Rabbi! waan murtii keetii; Tsiyoon dhageettee gammadde; ijoolleen intalaa ta Yihuuda'aallee hin usheexxite. Yaa Rabbi! ati ardii maraa irrattuu maraa oli waan taateef; waaqolee tolfamaa maraa irra ati guddiftee gudda'a. Worri Rabbiin jaalattan hammeenna jibbaa'a; Inni waan lubbuu worra isaaf amanamanii eeguuf. harka worra dhiba'aa jalaallee isaan oolcha. Ifti balchootaa; usheexxuun worra garaan qajeela'aatii ta'e. Isin balchoonni Rabbiin gammadaa'a; maqaa isaa woyyuu galatoonfadhaa'a! Faaruu haarawa Rabbii dhiyeessaa'a; inni waan maalalee godheef; harki isaa ka mirgaa; irreen isaa woyyuun; fayyummaa raawwataniiran. Rabbi fayyisuu ufii beessise; banii afo'otti balchummaa ufii mudhise. Mana Israa'eliitii jaalala ufii; amanamummaa ufiillee hin yaadeef; daangaawwan ardi'ii maruu; fayyummaa Waaqa keennaa laalaa'a. Ardiin maruu Rabbii ililfadhaa'a; jajuu dhageessisaa'a; gammachu'uu fi faaru'uun isa galatoonfadhaa'a. Rabbii kiraara sagalee guddaa dhageessisu dhaya'aaf; kiraara sagalee guddaa dhageessisuu fi laagaa faaru'uutiin isa faarsaa'a. Booba'aa fi xurumba'aan; Rabbii mootii afo'otti ililfadhaa'a. Galaanninii fi ka isii keessa jiru maruu; adunyaanii fi ka isii keessa jiraatu maruu haa huursanii. Laggiin harka haa dhayanii; gaarranillee wol ta'anii haa faarsanii. Kunniin Rabbiin afo'otti haa faarsanii; Inni ardii irratti murteessu'uuf waan dhufuuf; adunyaa irratti balchumma'aan; banii irratti dhuga'aan murteessa. Rabbi mooyeera; baniin haa hollatanii; Kiruubeeliin irratti teessoo irra ta'eera; ardiin haa sochootu. Rabbi Tsiyoonitti gudda'a; banii maraayyuu ol. Maqaa kee gudda'aa fi sodaatamaa haa jajanii; Inni woyyu'u; Mootii jabaa'a; ka haqa jaalattu; ati sirrii ta'uu kee hundeessite; haqaa fi qajeellummaallee; Yaaqoobii kennite. Rabbii Waaqa keenna galatoonfadhaa'a; luka isaa jalatti sagadaa'a; Inni waan woyyuu ta'eef. Muuseenii fi Aaroon gadoota isaa keessa turan; Saamu'eelillee worra maqaa isaa waaman keessa; isaan Rabbiin waamatan; Innillee isaanii deebise. Utubaa duumessaa keessaan isaanitti dubbate; isaanillee seeraa fi tumata inni isaanii kenne eegan. Yaa Rabbi! Waaqa keenna! Ati dhageettee isaanii deebifte; yoma badii isaanii haluu baatellee; Ati Waaqa isaanii dhiiftu. Rabbi Waaqa keenna galatoonfadhaa'a; gaara isaa woyyuu irratti sagadaa'a; Rabbi Waandhi keenna woyyuu waan ta'eef. Ardiin maruu Rabbii ililfadhaa'a; Gammachu'uun Rabbiin tajaajilaa'a; faaruu misha'aan isa afoo dhiyaadhaa'a; Rabbi akka Waaqa ta'e beekaa'a; Inni nu uume; nu ka isaati; nu'u baniin isaa ka inni akka hoolotaatitti bobbaasu. Galataan gara balballan isaa; jaju'uun gara bayiwwan isaa seenaa'a; isa galatoonfadhaa'a; maqaa isaallee jajaa'a; Rabbi arja'a; Jaalalli isaa baraa haga bara baraa waan ta'eef; amanamummaan isaa dhalootaa haga dhalootaati. Waan araara keetiitii fi waan haqa keetii faarfadha; Yaa Rabbi! weeddu'uun galata sii dhiyeessa. Karaa mudaa hin qabne jabeessee qabadha; ati yoom gara kiyya dhufta? mana kiyya keessa garaa qulqullu'uun jiraadha. Ani waan hamaa ija tiyya dura hin kaayu; hujii worra gantootaa hin jibba; isaaniin wolii hin galu. Yaanni micciiramaan na irraa haa fagaatu; hammeennaa hulee hin kennu. Ani nama dhossa'atti nama hamatu akka cadhisu godha; nama akka waan gudda'aatitti uf laalu; ka garaa keessa boonu isaa hin obsu. Akka na woliin jiraataniif; ijji tiyya amanamtoota ardii irra jiraatan irra jirti; ka karaa qulqullu'uun deemu; inni na tajaajila. Eennullee namni sobaan; mana kiyya keessa hin jiraatu ka soba dubbatu; na afo'otti ol jedhee hin dhaabatu. Hammeeyyii ardii irra jiraatan maraa; ganama maraa isaan balleessa; worra hamaa hojjatan maraa; qachaa Rabbii keessaa isaan barbadeessa. Yaa Rabbi! Faatee kiyya naa dhagayi! booyichi kiyya si bira haa gayu! Guyyaa rakkoo kiyyaa fuula kee na hin dhoffatin; gurra kee gara kiyya deebis; hennaa si waame dafii naa deebis. Barri kiyya akkuma aaraatitti aaree waan dhumeef; lafeewwan kiyyallee akka girgira'aatitti holataa ta'e. Garaan kiyya akkuma marga waagiin dhayeetitti gogeera; nyaata nyaachuu dagadheera. Sababaa iyya kiyyaatiif; lafeen goga'aan wolitti na maxxane. Huummoo lafa gammoojji'ii fakkaadhe; akka urunguu hulee waan diiggamee jiru ta'e. Hirriba malee bula; akka simbira utubaa mana kiyyaa gubbaa hojja jiraattuu ta'e. Diintonni kiyya guyyaa maraa natti baldan; worri na busheessan maqaa kiyya akka abaarsaatitti laalaniiran. Daaraa akka nyaataatitti waan nyaadheef; dhuddoo kiyyallee imimmaaniin wolitti makeera. Sababaa bala'aa fi dheekkamsa keetiitiin; ana nama ati ol kaaftee turte; deebiftee gad na buufte. Barri kiyya akka gaaddisa galgalaati; anillee akka margaatitti gogeera. Yaa Rabbi! Ati ammo baraa haga bara baraa; teessoo kee irra teetteerta; maqaan kee dhalootaa haga dhalootaa jiraata. Hin kaata; Tsiyooniin gara laafumma'aan laalta; bara mishummaa kee is'itti mudhiftu waan ta'eef hennaan murtaayellee gayeera. Tajaajiltoonni tee dhagaa isi'iititti hin gammadan; biyyeen isi'iillee garaa isaan nyaata. Baniin maqaa Rabbii; mootonni ardii irraa maruu ulfinna kee sodaatan. Rabbi Tsiyooniin deebisee waan ijaaruuf; ulfinna ufiitiinillee hin mudhata. Inni gara faatee worra rakkattootaa laala; kadhaa isaaniillee hin tuffatu. Baniin uf afoo uumamu akka Rabbiin jaju; kun dhaloota dhufuuf akkana jedhamee haa barreeffamuu; Rabbi mana woyyuu ufii ka ol gubbaa jiruu waan gad laaleef, samii taa'ee ardii argeera. Kunillee iyyansa worra hidhamanii dhagayu'uuf; worra duuti itti murteeffame oolchu'uuf. Kanaaf maqaan Rabbii Tsiyoonitti; galanni isaallee Yerusaalemiin keessatti labsama. Kunillee; baniinii fi mootonni; hennaa Rabbiin Waaqeffachu'uuf wolitti qabaman ta'a. Jajjabeenna kiyya kara'atti hambise; umurii kiyya hin gabaabse. Ani akkana jedhe, «Waaqa kiyya! wodhakkaa umurii kiyyaatitti na hin fudhatin baroonni kee dhalootaa haga dhalootaa jiraatan.» Ati duruma ardii hundeessite; samiiwwanillee hujii harka keetiiti. Isaan hin badan; ati ammo jabaattee jiraatta; maruu akka uffataatitti moofan; akka uffata gad dirataniititti isaan jijjiirta; isaanillee yoosuu badan. Ati ammo sanuma; woggoonni kee sirima hin dhuman. Ijoolleen tajaajiltoota teetii qanani'iin jiraatan; fiixaan isaanii jabaatee si afoo jiraata. Lubbuu tiyya! Rabbiin galatoonfadhu! keessi kiyya guutuun maqaa isaa woyyuu jajadhu. Lubbuu tiyya! Rabbiin galatoonfadhu! jasaa isaa maraa hin irraanfatin! Ka cubbuu kee maraa sii dhiisu, ka dhibee kee maraa irraa si fayyisu; Ka jireenna kee maraa boolla badi'ii irraa oolchu; ka jaalala bara baraatii fi gara laafummaa sii kennu; Dargaggummaan kee akka bajjaatitti akka haarawoomu; hawwii kee ka waan misha'aan dheebuu baasu isa. Rabbi worra cunqurfaman maraafuu; murtii qajeela'aa fi haqa isaanii kenna. Karaa ufii Muuse'etti; hujii ufiillee banii Israa'elii beessise. Rabbi gara laafessaa fi ka dhiifamsa namaa godhu; ka dheekkamsaaf hin ariifanne; ka jaalalli isaa gudda'aati. Inni hennaa maraa yakka hin hordofu; baraa haga bara baraa hin dheekkamu. Akka cubbuu keennaatitti nuu hin deebifne; haga yakka keennaatitti nuu hin kaffalle. Akkuma fageenni sami'ii ardii irraa ol gudda'aa; akkasuma worra isa sodaataniif araarri isaallee gudda'a. Akkuma baati biiftu'uu dhiya biiftu'uu irraa fagaatu; yakka keenna ka hagasuma nu irraa fageesse. Akkuma abbaan ijoollee ufiitii garaa laafu; akkasuma Rabbillee worra isa sodaataniif garaa laafa. Inni akka nu itti uumamne waan beekuuf; akka nu daaraa taane yaada. Nama bee barri isaa akka margaatii; akkuma abaaboo muka keessaatitti muta; Hennaa bubbeen bubbise ammo sirima bada; malkannillee hule'etti hin argamu. Jaalalli Rabbii ammo baraa haga bara baraa worra isa sodaatan irratti; balchummaan isaa haga ilma ilma isaanii isaan irra ta'a. Worra waadaa isaa eegan irra; worra jabaatanii ajaja isaa raawwatan irra ta'a. Rabbi teessoo ufii sami'itti jabeesseera; mootummaan isaa maraa bulchiti. Isin ergamtoonni dubbii isaatii ajajamtan; isin jajjaboonni ajaja isaa raawwattan; Rabbiin galatoonfadhaa'a. Isin tajaajiltoonni fedha isaa raawwattan; duultonni maruu; Rabbiin galatoonfadhaa'a. Isin worri bulchiinsa isaa keessa jiraattan maruu; uumamni maruu; Rabbiin galatoonfadhaa'a; Lubbuu tiyya Rabbiin galatoonfadhu. Lubbuu tiyya! Rabbiin galatoonfadhu! Yaa Rabbi; Waaqa kiyya! Ati guddiftee gudda'a; ulfinnaa fi gaachena uffatteerta. Ifa akka woya'aatitti uffatteerta; samiiwwan akka golga daase'eetitti badhifte. Ati utubaa mana keetii bisaan gubbaa dhaabde; duumessa konkolaataa kee ka fardaa taasifatte; koola qilleensaatiin deemta. maleekkota tee hafuura; tajaajiltoota kee arraba ibiddaa goota. Bara haga bara baraa akka hin raafamne; lafa hundee isi'ii irratti jabeessite. Gad fagoo keessatti akka uffataa isii golgite; bisaan gaarran gubbaa dhaabatan. Hennaa ati isaanitti dheekkamte ammo dafanii lixan; laagaa gigissaa keetii hennaa dhagayan hin dheessan. Gaarran irratti dhangala'an; gara hulee ati isaanii qopheessitee; gara dhooqaawwanii gad bu'an. Deebi'anii akka lafa hin dhossine; ceeyanii akka hin dhufne daangaa isaanii tolchite. Burqaawwan akka dhooqa keessa deeman goote; gaarran jidduu yaa'an; Bineensi bosonaallee achi keessaa dhugan; harriin raasa'aallee dheebuu bayan. Simbirran sami'ii goom'ee ufii daangaa laggiiniititti ijaaratan; dameewwan jiddu'utti faarfatan. Gola kee ka gubba'aa irraa gaarran obaafta; ardiinillee bu'aa hujii keetiitiin dheebuu baati. Ardii keessaa nyaata baasu'uun; hori'ii marga; biqiltuu faayidaa ilmaan namaatiif baafta. Daadhii woyini'ii ka garaa namaa gammachiisu; dhadhaa fuula namaa cululussu; nyaanni nama jabeessu asitti argama. Akkasuma mukkiin Rabbii; birbirsoonni Libaanosii ka inni dhaabe dhuganii dheebuu bayan. Simbirran goom'ee ufii achi irratti ijaaratan; shaalloonillee hindheessa jiddu'utti hulee argatan. Gaarran dhedheeraan hulee bulti'ii ka borofaa; gonni dhaga'aa ka osoleen itti dhokattu. Ji'a waan hennaa gar gar baaftuun goote; aduunillee hennaa itti dhiitu beetti. Dukkana fidda; hin halkanaaya; hennaa kana busaawaan muka keessaa maruu hin yaa'an. Ilmooleen leencaa nyaata barbaadanii iyyan; waan nyaatan Rabbiin biraa barbaadan. Yoo bari'ullee hin deebi'an; maandhee ufiititti galanii ciisan. Namnillee gara hujii ufii deema; haga galgalaa huji'itti bobba'a. Yaa Rabbi! hujiin kee akkam gudda'a! maraa ogummaa keetiin hojjatte; ardiin uumama keetiin guuttamte. Galaanni kun badha'aa fi ciisa'a; bineensi gugurdaanii fi didiqqaan wonti lubbuu qabu ka laakkobsaa olii isa keessa jiran. Markaboonni isa irra deeman; jawween ati uumtellee isa keessatti taphata. Akka ati henna'aan nyaata isaanii kennitu kunniin maruu si abdatan. Hennaa ati isaanii kennite; wolitti qabatan yoo harka kee diriirsite; waan mishaa quufan. Yoo ati fuula dhooggatte; naasu'utu isaan irra gara gala yoo ati hafuura isaan keessaa fudhatte hin du'an; gara biyyee ufii deebi'an. Yoo ati Hafuura kee ergite; isaan hin uumaman; ardiillee hin haarawoomsita. Ulfinni Rabbii baraa haga bara baraa jabaatee haa jiraatu! Rabbi hujii ufiititti haa gammadu. inni hennaa ardii laalu hin hollatti; gaarranillee hennaa inni isaan qaqqabu hin aaran. Haga lubbu'uun jiru Rabbiin faarfadha; haga jiru Waaqa kiyya jaja. Akkuma ani Rabbitti gammadu; yaanni garaa kiyyaa isa haa gammachiisuu. Cubbamtoonni ardii irraa haa badanii; worri dhibu ammaa achi hin argamin. lubbuu tiyya; Rabbiin galatoonfadhu! halee luyaa. Rabbiin galatoonfadhaa'a; maqaa isaa waamaa'a hujii isaa banii jiddu'utti ibsaa'a. Isa weeddisaa'a; isa faarfadhaa'a; hujii isaa maalalchiisaa maraa himaa'a. Maqaa isaa woyyu'uun boonaa'a! worra Rabbiin soqan garaan isaanii haa gammaduu! Rabbii fi jabeenna isaa soqaa'a; hennaa maraa fuula isaa barbaadaa'a. Hujiiwwan isaa maalalchiisaa; ajaa'iba isaatii fi murtii afaan isaatii bayu yaadaa'a; Isin fiixaan Abrahaamii tajaajilaa isaa; ijoollee Yaaqoobii ta inni ufiif isin filate; qaabadhaa'a. Inni Rabbi Waaqa keenna; murtiin isaallee ardii maraa irratti. Waadaa ufii baraa haga bara baraa; abdii kennellee haga dhaloota kumaa hin qaabata. Waadaa Abrahaamiin woliin gale; abdii kaku'uun Yisaaqii kennellee hin irraanfatu. Kanallee Yaaqoobiif seera godhee, Israa'eliifillee waadaa bara haga bara baraa godhee akka ta'u dhaabeef. Akkana jedhe, «Gayee ristii keetii taasisee, lafa Kana'aanii sii kenna» Uduu laakkobsi isaanii hago'oo; guddisanii hago'oo fi uduu keessummaa ta'nii jiran; Banii biyya tokkoo irraa gara banii biyya biraa hennaa raantayan mootummaa tokko irraa gara mootummaa biraa yoo jal jal jedhan; Eennullee akka daba isaan irratti raawwatu hin eeyyamneef; waan isaaniitiif akkana jedhee moototaan lole; «Worra ani dibe hin tuqinaa'a; raattota tiyya irratti waan hamaa hin godhinaa'a. Ardii irratti beela waame; nyaanni akka hin dhiyaanne dhaabsise. Nama akka garbichaatitti gurgurame; Yooseefiin isaan afoo dursee erge. Lutti isaa haada sibiilaatiin quunca'an; qolaa sibiilaa mormatti godhan. haga dubbiin inni jedhe isaa raawwatamuuf; dubbiin Rabbii isa qore. Mootichi ergee isaa hiissise; ka banii bulchu bilisa baaseen. Gooftaa mana ufii; bulchaa qabeenna ufii maraa taasiseen. Kunillee akka worra baallii qaban karaa ufii fedhuun deemsisuuf akka gugurdootallee ogummaa barsiisuuf. Israa'el gara biyya Misirii gale; Yaaqoob biyya Kaamiititti galaa ta'e. Rabbi banii ufii guddisee baay'eesse; diintota isaanii caalaa isaan jabeesse. Akka banii jibban; garboota isaa irratti akka hammaatan; garaa isaanii jabeesse. Garbicha ufii Muusee; Aaroonii filatellee hin erge. Isaan malkata ajaa'ibaa isaan jiddu'utti; wontoota maalale'ee lafa Kaamiititti hojjatan. Dukkana ergee lafa dukkaneesse; isaanillee diddaa dubbii isaa dhiisan. Bisaan isaanii gara dhiigaa jijjiire; qurxummiiwwan isaanii hin fixe. Ardiin isaanii; manniin mootota isaanii uduu hin hafne; raachi keessa yaa'e. Inni hennaa dubbate tuunni tiisisaa dhufe; biimbeen lafa isaanii irra gara galan. Rooba isaanii baradaa godhe; lafa isaanii maraa irratti bakakkaa buuse. Woyini'ii fi muka isaanii ka hurbu'uu hin dhaye; muka biyya isaanii hin kukkute. Hennaa inni dubbate awwaannifni dhufe; korophiifni laakkobsaa olii hin duude. Biqiltuu isaanii maraa hin nyaate; daraaraa lafa isaanii mucuq godhe. Akkasuma hangafa biyya isaanii jiru maraa; hangaffan hunna oo'a'aan uumatan maraa hin dhaye. Akka baniin Israa'elii meeti'ii fi worqii fe'atee bayu godhe; worra isaanii keessaa tokkollee hin gufanne. Guddisanii waan isaan sodaatanii turaniif; bayanii hennaa deeman Misir hin gammadde. Duumessa akka golgaatitti isaanii badhise; halkan ibidda isaanii ibse. Hennaa isa kadhatan goota naasisa isaanii fide; buddeena sami'ii isaan quubse. Dhagaa baqasse; bisaan hin burqe; akka lagaa lafa gammoojji'ii keessa yaa'e. Dubbii abdi'ii woyyuu ka Abrahaamii garbicha ufiitii kenne waan qaabateef. Banii ufii gammachu'uun; worra ufii ka filate ililta'aan isaan baase. Lafa banii kaawwanii isaanii kenne; daraaraa dadhabbii waan kanniinii dhaalan; Kunillee akka ajaja isaa eeganiif; akka seera isaa raawwataniif. halee luyaa. Halee luyaa! arjaa waan ta'eef Rabbiin galatoonfadhaa'a; jaalalli isaallee baraa haga bara baraa waan ta'eef. Waan hujii guddaa Rabbii eentu dubbachuu danda'a? galata isaa maraa hoo eentu dubbatee fixa? Worri akka haxxi hin dabne eegan; worri hennaa maraa balchummaa raawwatan; worra eebbaati. Yaa Rabbi! hennaa banii keetii gaachena qooddu na yaadadhu; hennaa isaan oolchitullee na gargaari. Kunillee akka durummaa worra ati filattee argu; gammachuu banii keetiititti akka gammadu sababaa ulfinna banii keetiitiif akka siin boonu na taasisi. Nullee akkuma abboota teennaa cubbuu hojjanne; hin yakkine; hamaa hojjanne. Abboonni teenna hennaa Misiriin jiran; maalalee kee hin hubanne; guddinna jaalala keetii hin yaadanne; galaana laddatti; uduu galaana diimaa bira jiran si didan. Inni ammo guddinna hunna isaa beessisu'uuf; maqaa ufiitiif isaan oolche. Galaana diimaa hin xixe; innillee hin goge; akkuma lafa irra deemaniititti bisaan xiillaa wodhakkaa isaan masakke. Worra isaan jibban jalaa isaan oolche; harka diina isaanii jalaa isaan hambise. Diintota isaanii irra bisaantu gara gale; isaan keessaa tokkollee hin hafne. Kanaan maayessa dubbii isaa ka abdi'ii amanan; faaru'uun isa galatoonfatan. Waan inni godhe ammo yoosuu irraanfatan; gorsa isaatiin obsanii hin deemne. Lafa gammoojji'ii keessatti hawwa baay'eessan; lafa udume'ee keessatti isa qoran. Inni waan isaan kadhatan hin kenneef; ammo dhibee isaan huqqisu isaanitti gad dhiise. Qe'etti Muuse'etti; Aaroonii Rabbii woyyoomettillee hin hinaafan. Lafti banamtee Daataaniin liqimsite; gosa Aberooniititti hin cufamte. Ibiddi gumii isaanii wodhakka'atti bobaye; arrabni isaa hammeeyyii fixee balleesse. Kooreebitti waatiyyoo hojjatan; fakii baffamee hojjatamee sagadan. Isaan Rabbii ulfinna isaanii ta'e fakii sangaa marga dheeduutitti jijjiiran. Ka Misiritti maalalee hojjate; Waaqa isaan oolche irraanfatan; Inni ammo biyya Kaamiititti maalalee hojjate; galaana diima'atti waan nama maalalchiisu godhe. Kanaafuu akka balaa ufiitiin isaan hin balleessine; balaa irraa akka deebi'u; Muuseen inni filate isaan jidduu seenee dhaabachuu uduu baatee; akka isaan balleessu dubbatee ture. Achiin maayessa lafa michuu tuffatan; dubbii isaa ka abdi'ii hin amanne. Daaseewwan ufii keessatti guunguman; laagaa Rabbii hin dhageenne. Lafa gammoojji'ii keessatti isaan gatu'uuf harka ufii ol kaasee kakate. Fiixaa isaanii banii gara garaa jiddu'utti gatu'uuf; gara biyya gara garaa keessa isaan bittinneessu'uuf kakate. Isaan waaqa tolfamaa «Ba'aal phegoor» jedhamu waaqeffachu'utti gad taa'an; ciincaa worri du'ee ciincessan nyaatan. Hujii ufiitiin Rabbiin aarsan; balaan isaanitti bu'e. Finhaas ka'ee wodhakkaa seene; balaan hin dhaabate. Kunillee dhalootaa haga dhalootaa; baraa haga bara baraa balchumma'atti isaa laakkayame. Ammallee bisaan Mariba'aa biratti Rabbiin aarsan; Muuseenillee sababa isaaniitiif rakkate. Waan Hafuura Rabbii aarsaniif Muuseen jecha hin barbaachifne afaanii baafate. Akkuma Rabbi isaan ajajetti banii balleessuu irraa lash jedhan. Siri'ii bani'iin wolitti makaman; waan isaan aadeeffatan irraa baratan. Waaqolee tolfamaa isaanii waaqeffatan; kunillee siiboo isaanitti ta'e. Ijoollee ufii ta dhiiraatii fi ta intalaa jinni'ii ciincessan. Dhiiga ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa waaqolee tolfamaa Kana'aaniitii ciincessan; dhiiga qulqulluu jissan; lafti dhiigaan faalamte. Hujii ufiitiin battaayan; hujii ufiitiin seebartoota ta'an. Kanaaf dheekkamsi Rabbii banii irratti bobaye; ristii ufii jibbe. Worra Yihuudota hin taanetti dabarsee isaan kenne; diintonni isaanii isaan bulchan. Diintonni isaanii isaan cunqursan; baallii ufii jala isaan taasisan. Inni hennaa heddu isaan oolche; isaan ammo diddaa dhiisuu didan; cubbuu ufiitiin salphatan. Ta'ullee hennaa iyya isaanii dhagaye; hucuucama isaanii laale; Isaaniif jedhee waadaa ufii yaadate; akkaataa jaalala ufii gudda'aatiin dheekkamsa ufii irraa deebi'e. Worri isaan booji'an maruu akka garaa isaanii laafan godhe. Yaa Rabbi; Waaqa keenna! nu oolchi! maqaa kee woyyu'uuf akka galata dhiyeessinu; boona'aa akka ulfinna sii kenninu; banii jiddu'uu wolitti qabii nu fidi. Rabbi Waandhi Israa'elii baraa haga bara baraa haa ulfaatu! baniin maruu «Amiin!» haa jedhuu; Halee luyaa. Arjaa waan ta'eef Rabbiin galatoonfadhaa'a; jaalalli isaallee baraa haga bara baraa waan ta'eef. Worri Rabbi fure; ka diina harkaa isaan oolche kana haa jedhanii, Baya biiftu'uutii fi dhiya adu'uutii, kaabaa fi kibbaa namoonni inni biyya maraa wolitti qabe akkana haa dubbatanii. Gari gariin gammoojjii hamaa keessatti raantayan; karaa qachaa isaan keessa jiraatan geessu dhaban. Hin beelayan, hin dheebotan, lubbuun isaanii isaan keessatti dadhabde. Hennaa rakkatan Rabbitti iyyan; Innillee rakko'oo isaan baase. Gara qachaa keessa jiratanii; karaa qajeelaa isaan masakke. Rabbiin waan jaalala isaatiif; hujii maalale'ee ka inni ilmaan namaa maraa godheef isa haa galatoonfatanii. Inni waan lubbuu dheebotte dheebuu baaseef, lubbuu beelofte waan misha'aan quubseera. Gari gariin worra haada sibiilaatiin hidhamanii rakkatan; worra dukkana keessa; gaaddisa du'aa jala taa'an turan. Dubbii Rabbii didu'uun; gorsa ka Maraa olii waan salphisaniif. Kanaafuu hujii hunnaatiin onnee isaanii dadhabsiise; hin gaggataantaran; ka isaan irkisullee hin turre. Hennaa rakkatan Rabbitti iyyan; Innillee rakko isaanii keessaa isaan baase. Dukkanaa fi gaaddidduu du'aa jalaa isaan baase; hidhaa isaanii hin kukkute. Rabbiin waan jaalala isaatiif; waan hujii maalale'ee ka inni ilmaan namaa maraa godheef isa haa galatoonfatanii. Inni balballan sibiila diima'aa waan caccabseef; loosaa sibiilaallee kukkuteera. Gari gariin sababaa didda'aatiin gowwoota ta'an; sababaa yakka ufiitiif rakkoo keessa seenan. Nafti isaanii nyaata maraa balfe; gara balbala du'aa dhiyaatan. Hennaa rakkatan Rabbitti iyyan; Innillee rakkinna isaanii keessaa isaan baase. Dubbii ufii ergee isaan oolche; afaan boollaatii isaan deebise. Rabbiin waan jaalala isaatiif; hujii maalale'ee ka inni ilmaan namaatii godheef isa haa galatoonfatanii. Ciincaa galataa haa dhiyeessaniifii; hujii isaa faaruu nama gammachiisuun ibsaa'a. Gari gariin markabaan galaana keessa bu'an, bisaan guddaa irratti hujii ufii raawwatan. Achitti hujii Rabbii argan; hujii isaa ka maalale'ee bisaan xiillaa keessatti guuttatan. Inni dubbatee haboonbolattii kaase; bubbeen dambalii ol kaase. Gara sami'ii ol bayan; gara xiilla'aa gad bu'an; sababaa rakkoo isaaniitiif hadhooftuun isaanii jige. Akka nama machaayee lafti isaaniin marte; asii fi achi gatantaran; malli harkaa badee waan godhan dhaban. Hennaa rakkatan Rabbitti iyyan; innillee rakkoo isaanii jalaa isaan baase. Haboonbolattii hin cadhisiise; dambalii galaanaallee haxum godhe. Waan cadhiseef hin gammadan; gara qarqara yaadanii isaan geesse. Rabbiin waan jaalala isaatiif; hujii maalale'ee ka inni ilmaan namaa maraa godheef isa haa galatoonfatanii. Gumii bani'ii keessatti isa haa kabajjanii; gumii manguddootaa keessatti isa haa jajanii. Laggiin gammoojji'itti; burqaawwan bisaaniillee lafa goga'atti jijjiire. Sababaa hammeenna worra isii keessa jiraatuutiif; lafa daraaraa baaftu la sooqiddaa godhe. Lafa gammoojji'ii hulee bisaan itti wolitti qabamu; lafa gogaa gara burqaa bisaaniititti jijjiire. worra beelaye achi irra jiraachise; qachaa keessa jiraatan ijaaratan. Qonna isaaniititti hin facaafatan; woyinii dhaabatan; midhaan baay'ee galfatan. Isaan eebbisa; isaanillee guddisanii baay'atan; horii isaanii akka diqqaatu hin taasisu. Hucuucamaan, rakko'oo fi gaddaan; laakkobsi isaanii diqqaatee; salphatanii turan. Qondaaltota akka tuffataman taasise; lafa gammoojji'ii ka bayaa galti isaa hin beekkamne keessa isaan raanteesse. Rakkattoota ammo rakkoo keessaa harkisee isaan baase; maatii isaanii akka gobbuu hoolotaa baay'esse. Worri garaa qajeela'aa kana arganii usheexxan; dabdi maruu afaan qabatti. Eeganaa eennullee yoo qaroo ta'e waan kana haa hubatuu; innillee jaalala Rabbii hin hubata. Waandhana! onneen tiyya jabdu'u; hin faarfadha; garaa kiyya guutu'uun faarfadha. Kiraarri sagalee guddaa dhageessisuu fi masiinqoon ka'aa'a; anillee obboro'oon ka'aa. Yaa Rabbi! banii jiddu'utti si galatoonfadha; banii jiddu'uttillee si faarfadha. Jaalalli kee samiiwwan gubba'atti guddaa waan ta'eef; amanamummaan keellee haga ardi'ii gaya. Waandhana! samiiwwan irratti ol ol jedhi; ulfinni keellee ardii maraa irratti haa babadhatu. Baniin ati jaalattu akka fayyu, harka kee ka mirgaatiin oolchi; naa deebisi. Rabbi mana woyyuu ufii keessaa akkana jedhe; «gammada'aa Seekemiin haada itti buusa; dhooqa Suukootiinillee hin bikka. Gala'aad kiyya; Minaaseenillee kiyya; Efreem gulloo kiyya ka sibiilaati; Yihuudaan ulee ani ittiin bulchu. Moo'aab gongaa ani itti dhiqadhu; Edoomiyaasiin irratti kophee kiyya darbadha; worra Filisxeemii irratti mootee kiyyaan dhaadadha. Gara qachaa ijaaramtee eentu na fida? gara Edoomiyaasii eentu na geessa? Yaa Rabbi! ka nu gate si'iimii? Waandhana; loltoota teenna woliin bayuu didde. Ammallee fayyisuun namaa waan duwwaa ta'eef; diina keenna irratti mootee nuu kenni. Yoo Rabbi nu gargaare hin jabaanna; Ka diina keenna luka ufii jalatti gad dhiitu isa. Waaqa ani galata sii galchu, yabo'oo natti hin cadhisin. Worri hammeeyyiinii fi worri soba dubbatan natti ka'anii waan sobaa na irratti dubbatan. Dubbii jibbaatiin na marsan; sababaa tokko malee balaa na irra geessan. Deebiin isaan jaalala kiyyaaf deebisan himanna'a; ani ammo Waaqa isaaniif kadhadha; Bikka waan misha'aa waan hamaa, bikka ani isaan jaaladhe hammeennaan natti deebi'an. Abbaa murti'ii hamaa isa irratti murteessu isa irratti muudi; nama isa himatu isaa qopheessi. Yoo mormatu'uuf seene mooyatamee haa bayuu; kadhaan isaa cubbuu isatti haa taatuu. Barri isaa haa gabaabbatu, baallii isaa namni biraa haa fudhatu. Ijoolleen isaa ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabne haa ta'an; haati manaa isaa haadha hiyyeessaa haa taatu. Ijoolleen isaa yaantaree mana itti galan hin qabnee fi kadhattuu haa ta'an; manuma isaanii ka diiggame keessaayyuu haa ari'aman. Qabeenna isaa worri liqaa isa irraa qabu maruu isa haa saamuu worri ormaa waan inni itti xaare jalaa haa fudhatanii. Nama garaa laafuuf haa dhabuu, ijoolleen isaa ta abba'aa fi haadha hin qabne nama garaa isaanii laafu haa dhabanii. Ijoolleen isaa fooyamanii haa badanii; maqaan isaa dhaloota tokko bira hin lufin. Cubbuun abboota isaa Rabbiin biratti hin irraanfatamin; cubbuun haadha isaa hin dhiifaminiif. Hennaa maraa Rabbiin bira isaanii haa teettu; yaadannoon isaanii lafa irraa haa badu. Inni waan nama mishaa hin taaneef, rakkata'aa fi dhaba'aa nama garaan isaa gadde ajjeesu'uuf ari'e; waan garaa hin laafneef. Abaarsa jaalate isiinillee gara isaa dhufte; eebba hin filanne isiinillee isa irraa dheessite. Abaarsa akka uffataatitti uffate; isiinillee akka bisaanii gara nafa isaa keessa, akka dhadha'aa lafee keessa seente. Abaarsi akka uffata uffatuutii fi akka hidhata hennaa maraa hidhatuu haa ta'uuf. Yaa Rabbi! diintota tiyya ta hennaa maraa dhara akkanaa kana na irratti raawwatan akka kanatti isaan adabi. Yaa Rabbi! Gooftaa'a! ati ammo maqaa keetiif jedhii naa araarami; jaalalli kee mishaa waan ta'eef na oolchi. Ani rakkata'aa fi dhabaa waan ta'eef rakkoon na irra gaye keessa kiyya madeesse. Akka gaaddisa galgalaa badu'uuf qophaayeera; akka korophiisaatitti qilleensaan oofame. Jilbi kiyya soomaan dadhabe; foon kiyya dhadhaa dhabee huqqate. Ani isaan biratti hin salphadhe; hennaa na argan mataa natti raasan. Yaa Rabbi! Waaqa kiyya! na gargaari; akkuma jaalala keetiitiin na hambisi. Harki kee akka tana taate; kanallee akka ati goote haa beekanii. Isaan na abaaran; ati ammo na eebbisi; worri natti ka'an haa saalfatanii ati ammo ana garbicha kee gammachiisi. Worri wol nu lolchiisan haa saalfatanii; salphinna akka kaabba'aatitti haa uffatanii. Afaan kiyyaan guddisee Rabbiin galatoonfadha; banii baay'ee keessatti isa galatoonfadha. Worra lubbuu isaanii ari'an jalaa isaan oolchu'uuf mirga hiyyeessaa dhaabateera. Rabbi Gooftaa kiyyaan, «Diintota tee ejjata luka keetii jala haga sii godhutti mirga kiyya taa'i» jedheen. Rabbi ulee tee cimtuu Tsiyooniin keessaa gara diidaa erga; ati diintota kee jidduu teettee bulchita. Guyyaa ati lolaaf baatu; loltoonni kee fedhaan si ladda dhaabatan; gadaamessa ganamaatii; gaachenaa fi woyyu'uun bareeddee; lalisuu dargaggummaa keetii akka cophaatitti fudhatta. Rabbi, «Akka seera Malkasaadiqiititti; ati baraa haga bara baraa gada'a» jedhee kakate; Inni yaada ufii hin jijjiiru. Gooftaan mirga kee jira; guyyaa dheekkamsa ufii mootota butucha. Banii jiddu'utti hin murteessa; mataa biyya maraa jiran caccabsee reeffa isaan taasisa. Bisaan dhangala'aa qarqara kara'aa jirtu irraa dhuga; kanaaf mataa ol qabata. Halee luyaa! wol geettii worra qajeela'aa gumii isaanii keessatti garaa kiyya guutu'uun Rabbii galata dhiyeessa. Hujiin Rabbii gudda'a; worri itti gammadan maruu hin dhudhuman; Hujiin isaa ulfinnaa fi gaachena qaba; balchummaan isaa baraa haga bara baraa jabaatee jiraata. Akka hujiin isaa ka maalale'ee qaabatama'aa jiraatu godhe Rabbi arja'a; gara laafessalle'e. Worra isa sodaatanii nyaata kenne; waadaa ufii baraa haga bara baraa hin qaabata. Banii ufiitii ristii worra Yihuudota hin taanee kennu'uun; jabeenna hujii ufii mudhiseera. Hujiin harka isaa ka dhuga'aatii fi qajeela'a; seerri isaa maruu amanama'a. Baraa haga bara baraa ka jabaate; ka dhuga'aa fi qajeellumma'aan ijaarame. Banii ufiitii fayyinna erge; waadaa ufii baraa haga bara baraa ajaje; maqaan isaa woyyu'uu fi ka sodaatame. Rabbiin sodaachuun jalqaba ogumma'aati; worri ajaja isaa raawwatan hubannaa mishaa qaban; galanni isaallee baraa haga bara baraa jiraata. Hale luyaa! namni Rabbiin sodaatu; ka ajaja isaatitti guddisee gammadu ka eebbaati. Fiixaan isaa lafa irratti jajjabaa ta'an; fiixaan worra qajeela'aa hin eebbifaman. Qabeenninii fi durummaan mana isaa keessa ol guuta; balchummaan isaa baraa haga bara baraa jiraata. Arjaa, gara laafessa fi balchaa waan ta'eef; dukkana keessatti nama misha'aaf ifatu bayaaf. Namni arjaan; ka uduu hin shakkine liqeessu; ka hujii ufii sirri'itti raawwatu waan misha'atu ta'aaf. Baraa haga bara baraa hulee ufiitii waan hin sochooneef; namni balchaan uduu qaabatamu jiraata. Oduun hamaan isa hin raasu; garaan isaa Rabbiin abdachu'uun ka jabaate. Garaan isaa jaba'a; hin sodaatu; dhuma irratti kufa diintota ufii arga. Hiyyeeyyi'ii arjumma'aan kenne; balchummaan isaa baraa haga bara baraa jiraata; inni namoota jiddu'uttuu hin kabajjama. Namni hamaan kana argu'uun aara; ilkaan ciniinnata; huqqatee bada; hawwiin hammeeyyi'ii hin baddi. Haale luyaa! Isin tajaajiltoonni Rabbii galatoonfadhaa'a! maqaa Rabbii jajadhaa'a! Ammaa haga bara baraa maqaan Rabbii haa galatoomu. Baya adu'uutii haga dhiya adu'uu; galanni maqaa Rabbiitiif haa ta'u! Rabbi banii maraa caalaa kabajjama'a; ulfinni isaallee samiiiwwanii oli. Ka akka Rabbii Waaqa keennaa; ol teessoo ufii irra ka taa'e eennu? Ka sami'ii fi ardii irra jirullee laalu'uuf; ka uf gad qabu eennu? Hiyyeessa daaraa irraa kaasa; rakkataa biyyee irraa ol kaasa. Qondaaltota woliin bakka qixxee kennaaf; muudamtoota bani'ii woliin isa kaaya. Dubartii dhabduu mana keessa jiraachisa; ta gammadde haadha ijoolle'ee taasisa. Halee luyaa. Israa'el hennaa Misiriin keessaa bayee deemu; hennaa manni Yaaqoobii banii afaan isaatiin addaa irraa fooyamee yoo bayu; Yihuudaan mana Rabbii woyyoome; Israa'elillee bulchiinsa isaa ta'e. Galaanni hin arge; hin dheesse; Yoordaanos gara duubaa deebi'e. Gaarran akka korbeessa hoola'aa; tulloonnillee akka korbeeyyi'iititti utaalan. Ati galaanni wonti dheessiteef; atillee Yoordaanos wonti gara duubaa deebiteef maal'i? Isin gaarran akka korbeessa hoola'aatitti; tulloonnillee akka korbeeyyi'iititti maaf utaaltan? Ati ardiin! Gooftaa afo'otti, Waaqa Yaaqoobii afo'otti holladhu. Inni dhagaa gara haro'oo; dhagaa guddaa gara burqaa bisaaniititti jijjiire. Nuuf uduu hin taane; yaa Rabbi! nuuf uduu hin taane, jaalalaa fi dhugaa keetiif jedhii maqaa keetiif ulfinna kenni. Worri yihuudota hin taane, «Waandhi isaanii eessa jira?» maaf jedhan? Waandhi keenna samii jira; Inni waan fedhe godha. Waaqoleen tolfamaan isaanii ammo birri'ii fi worqii harki namaa hojjate. Afaan hin qaban ammo hin dubbatan; ija hin qaban ammo hin argan. Gurra hin qaban ammo hin dhagayan; funyaan hin qaban ammo hin ulatan. Harka hin qaban ammo hin qaqqaban; luka hin qaban ammo hin deeman; laagaa isaanii keessattillee sagaleen hin uumamu. Worri kanniin hojjatan, worri isaan hedatan maruu akkuma isaanii haa ta'an. Yaa mana Israa'elii! Rabbiin abdadhaa'a; gargaara'aa fi wonteen isaanii isa. Yaa mana Aaroonii! Rabbiin abdadhaa'a; gargaara'aa fi wonteen isaanii isa. Isin yaa worri Rabbiin sodaattan; Rabbitti amanaa'a; gargaaraanii fi wonteen isaanii isa. Rabbi nu yaadata; nu eebbisalle'e; Inni mana Israa'elii hin eebbisa; mana Aaroonillee hin eebbisa. Worra Rabbiin sodaatan maraa; didiqqa'aa fi gugurdaallee hin eebbisa. Rabbi isinii fi ijoollee teessan; eebba ufiitiin isin haa baay'essu. Rabbii ardi'ii fi samii uumeen worra eebbifamtan ta'aa'a! Samiin samiiwwanii ta Rabbiiti; lafa ammo ilmaan namaatii kenne. Worri Rabbiin galatoonfatan; worra du'ee miti; worra gara dukkana awwaalaa bu'anii miti. Ammaa jalqabee haga bara baraa; ka Rabbiin galatoonfatu nu'u; Rabbiin galanni haa gawu. Laagaa kadhaa kiyyaa waan dhagayeef; Rabbiin jaaladhe. Inni gurra ufii gara kiyya waan qabeef; bara jiruu kiyyaa maraa Isa waamadha. Siiboon du'aa na qabe; muddamsuun ibidda asaabaa na qabate; hucuucamaa fi gaddi na mooyate. Ani maqaa Rabbii waame; «Yaa Rabbi; akka lubbuu tiyya oolchitu si kadhadha» jedhe. Rabbi arja'aa fi balcha'a; Waandhi keenna ka namaa dhiisu. Rabbi gara laafeyyii hin eega; hennaa guddisee rakkadheeru na oolche. Lubbuu tiyya hara baafadhu; Rabbi waan mishaa waan sii godheeruuf. Ati lubbuu tiyya du'a jalaa; ija tiyya imimmaan irraa; luka kiyya gufachuu jalaa oolchiteerta. Anillee ardii jiraattotaa irratti; Rabbiin afoo jiraadha. Hennaa «Guddisee rakkadhe» jedheyyuu amantii kiyya eegeera. Ani hennaa malli na harkaa bade; «Namni maruu soba'a» jedhe. Waan inni jasaa naa oole maraafuu Rabbii maal deebisa? Mijuu fayyinnaa ol kaasa; maqaa Rabbiillee hin waama. Banii maraa afo'otti, woreega kiyya Rabbii dhiyeessa. Duuti woyyootaa Rabbiin biratti kabajjamtu'u. Yaa Rabbi! ani dhugamaan garbicha keeti; ani garbichi kee ilma garbittii teetiiti; hidha'aa na hiitte. Ani ciincaa galataa sii dhiyeessa; maqaa Rabbiillee hin waama. Banii maraa afo'otti; woreega kiyya Rabbii dhiyeessa. Yerusaalem! kana si jiddu'utti; bayima mana woyyuu Rabbii afo'otti raawwadha. Halee luyaa. Isin worri yihuudota hin taane maruu Rabbiin galatoonfadhaa'a! baniinillee Rabbiin kabajjaa'a! Jaalalli inni nuuf qabu guddaa waan ta'eef; amanamummaan Rabbiillee jabaatee jiraata. Halee luyaa. Rabbi waan arjaa ta'eef isa galatoonfadhaa'a; jaalalli isaallee baraa haga bara baraa jabaattee jiraatti. Baniin Israa'elii, «Jaalalli isaa baraa haga bara baraati» haa jedhanii. Manni Aaroonii, «Jaalalli isaa baraa haga bara baraati» haa jedhuu. Worri Rabbiin sodaatan maruu «Jaalalli isaa baraa haga bara baraati» haa jedhanii. Hennaa rakkadhe Rabbiin waamadhe; Rabbillee naa deebise; hucuucama keessaallee na baase. Rabbi na woliin jira; hin sodaadhu; namni maal na godhuu danda'a? Rabbi na gargaaru'uuf na woliin jira; kufaatii diintota kiyyaallee hin arga. Nama hedachu'uu mannaa, Rabbiin abdachuu woyya. Bulchoota abdii godhachuu irra, Rabbiin abdii godhachuu woyya. Baniin maruu na marsan; ani ammo maqaa Rabbiitiin isaan mooyadhe. Marsiitii kallattii maraanuu na marsan; ammo maqaa Rabbiitiin isaan mooyadhe. Akkuma tuuta kinniisaatitti na marsan; ammo akkuma qoree gubatuutitti dhuman; dhugama maqaa Rabbiitiin isaan mooyadhe. Darbamee kufu'uuf tittime; Rabbi ammo na gargaare. Rabbi jajjabeennaa fi faaruu kiyya; fayyisaa naa ta'e. Daasee balchootaa keessaa laagaa ililta'aatii fi ka wocaa; ka akkana jedhutu dhagayama, «Harki mirgaa ka Rabbii hujii jabaa hujeera.» Harki mirgaa ka Rabbii ol ka'e; harki Rabbii ka mirgaa hujii jabaa hojjate. Lubbu'uun jiraadha hin du'u; hujii Rabbii hin dubbadha. Rabbi jabeessee na adabeera; du'atti ammo na hin kennine. Balballan balchumma'aa naa banaa'a; achiin seenee Rabbiin galatoonfadhaa. Tun balbala Rabbiiti; balchoonni achiin seenan. Dhageettee waan naa deebifteef; fayyisaallee waan naa taateef si galatoonfadha. Dhagaan worri mana ijaaru tuffate, dhagaa dhagaa maraa caalaa barbaadamu ta'e. Kana Rabbitu godhe; ija teennaafillee maalale'e. Guyyaan Rabbi uume tana; isi'iin usheexxinee haa gammannuu. Yaa Rabbi! yabo'oo nu oolchi! yaa Rabbi! yabo'oo nu milkeessi. Ka maqaa Rabbiitiin dhufu eebbifama'a! mana Rabbii keessaa isin eebbifne. Rabbi Waaqa; ifa ufii nu irratti ibse. yaanee haga hulee ciincaa ka gaaffanii dhandhutti; dameewwan lalisaa qabannee; woliin bobbaanee worra ayyaanteffatuun wolitti haa eda'amnuu. Ati Waaqa kiyya; si galatoonfadha; Ati Waaqa kiyya; si kabajja. Arjaa waan ta'eef Rabbiin galatoonfadhaa'a; jaalalli isaa baraa haga bara baraa jabaatee jiraata. Worri jireenni isaanii mudaa hin qabne, worri seera Rabbiitiin jiraatan worra eebbaati. Worri seera isaa eegan, worri onnee guutu'uun isa soqan, worra eebbaati. Isaan waan hamaa godhan; seera Rabbiitiin jiraatan. Seera kee akka jabeessinee eennu ati ajajjeerta. Ani seera kee eegu'uuf; akka karaan kiyyallee naa qajeelu; hin hawwa ture. Ajaja kee yoo laalu yoo san hin saalfadhu. Hennaa murtii kee qajeelaa baradhu, onnee qajeeltu'uun si galatoonfadha. Seera kee hin eega; sirima na hin gatin. Beet; Dargaggeessi karaa ufii maali'iin qulqulleeffata? dubbii kee eegu'uun. ani onnee guutu'uun si soqe ajaja kee irraa na hin fageessin. Akka si hin yakkine dubbii kee onnee tiyya keessatti dhoffadhe. Yaa Rabbi! Ati eebbifama'a; seera kee na barsiis. Seera kee keessaa bawu maraa afaan kiyyaan dubbadha. Akkuma namni qabeennaan gammadu; anillee seera kee eegu'uun gammada. Ajaja kee hin dhudhuma; karaa kee hin soqa. Ajaja keetitti hin gammada; dubbii kee hin irraanfadhu. Gaameel; Garbicha keetii waan mishaa godhi; jiraataa ta'ee akka dubbii kee eegu. Ija tiyya naa bani; seera kee keessaa maalalee argaa. Ani lafa irratti keessumma'a; seera kee na jalaa hin dhossin. Lubbuun tiyya hennaa maraa seera kee guddiftee yaadu'uun dadhabde. Worra abaaraman ka seera kee irraa dogoggoranii fi worra boonan hin teedeffatta. Ragaa kee waan barbaaduuf arrabaa fi waan salphinnaa na irraa fageessi. Worri baallii qaban taa'anii na hamatan; garbichi kee ammo seera kee dhudhuma'aa ture. Ragaan kee gammachuu kiyya; ka na gorsullee seera keeti. Daaleex; Lubbuun tiyya daara'aan wolitti maxxanteerti; dubbii abdi'ii ka naa kenniteen jireenna kiyya haarawoomsi. Waan godhe maraa sitti himadhe; atillee naa dhageette; eeganaa seera kee na barsiisi. Akka karaa seera keetii hubadhu na taasisi; anillee maalalee kee hin dhudhumaa. Lubbuu tiyyatti gaddi guddatee dadhabdeerti; akka dubbii keetiitiin na jabeessi. Soba na irraa fageessi; akka mishooma keetiitiin seera kee na barsiisi. Karaa kee ka dhuga'aa filadheera; seera kee hennaa maraa hin irraanfadhu. Yaa Rabbi! seera kee jabeessee qabadheera; yabo'oo na hin saalfachiisin. Garaa kiyya waan naa badhifteef karaa seera keetiitiin fiiga. Hee; Yaa Rabbi! karaa seera keetii na barsiisi; ani hennaa maraa hin eega. Akka qaabadhu na taasisi; seera keellee hin barbaadaa; onnee kiyya guutu'uun hin eegaa. Waan itti gammaduuf karaa seera keetiitiin na deemsisi. Durummaa argachu'uuf luqunuu caalaa'a, akka seera kee eegu na taasisi. Akka waan duwwaa hin laalle ija tiyya dhooggi; karaa kee irratti deebis; jiraataa na taasisi. Dubbii abdi'ii ka ana garbicha keetii fi worra si sodaatan maraa kennite raawwadhu akka sodaatamtuuf. Seerri kee waan mishaa ta'eef, salphinna sodaadhe na irraa fageessi. Ani seera kee eeguu yaada; ati Waaqa dhuga'aa waan taateef balchummaa keetiin jireenna kiyya naa haarawoomsi. Waawu; Yaa Rabbi! jaalalli kee ka bara baraatii fi fayyinni kee akkuma dubbii keetiititti naa haa dhufu. Waan seera kee hedadheef worra na arrabsan maraa deebii kennuu danda'a. Seera kee waan hedadhuuf; dubbii dhuga'aa kee afaan kiyya keessaa sirimaa hin fageessin. Baraa haga bara baraa hennaa maraa seera kee hin eega. Ani waan seera kee barbaaduuf badhifadhee deema; Mootota afo'otti ragaa kee hin dubbadha; hin saalfadhulle'e. Seera kee ka guddisee jaaladhetti hin gammada. Harka kiyya gara seera kee ka jaaladhee hiixadha. seera keellee hin yaada. Zaayi; Dubbii kee ka hojjataa keetii waadaa galte qaabadhu; isaan abdii kenniteertaaf. Dubbiin kee jiraataa waan na taasiseef kun rakkinna kiyya keessattillee na jajjabeessa. Worri uf jajan hennaa maraa natti baldan; ani ammo seera kee irraa hin fagaadhu. Yaa Rabbi! seera kee ka durii yaadee guddisee jajjabaadhe. Sababaa hammeeyyiin seera kee dhiisaniif ani hin lolame. Biyya keessummumma'aa keessatti seerri kee faaruu naa ta'e. Yaa Rabbi! ani halkanillee maqaa kee yaada; seera keellee jabaadhee eega. Seera kee faanaa deema; kun hujii kiyya ta'e. Heeti; Yaa Rabbi! ati gayee kiyya; dubbii kee eegu'uuf kutadheera. Garaa guutu'uun si barbaada; akkuma dubbii keetiititti arjummaa kee natti argisiis. Jireenna kiyya qoree waan hubadheef karaa laalee jireenna kiyya gara seera keetii deebifadha. Seera kee eegu'uuf ariifadhe; hin turrelle'e. Haanni cubbamtootaa natti mammarame ani ammo seera kee hin irraanfanne. Waan seera kee balcha'aaf; halkan qixxee si galatoonfachu'uuf lafaa ka'a. Ani goshoo worra si sodaatuutii fi ka worra ajaja kee eeguuti. Yaa Rabbi! jaalalli kee lafa maraa guuteera; seera kee na barsiisi. Xeeti; Yaa Rabbi! akka dubbii keetiititti hojjataa keetii waan mishaa godhi. Ajaja kee waan hedhadheef gorsa mishaa beekkumsa kee na barsiisi. Ani uduu hin adabamneen dura karaa dogoggoraatiin deema'aa ture; amma ammo dubbii keetii ajajama. Ati misha'a; wonti ati gootu misha'aa; eeganaa seera kee na barsiisi. Worri uf jajan yoma sobaan maqaa na balleessan; ani ammo garaa guutu'uun ajaja kee eega. Onneen isaanii akka dhaga'aa jabaatte; ani ammo seera keetitti gammada. Seera kee akka baradhu na mudduun kee waan misha'aaf naa ta'e. Worqi'ii fi birrii baay'ee caalaa, seera afaan keetii naa woyya. Yoodi; Harki kee tolchee na uume; qalbifataa na taasisi; ajaja kee baradhaa. Dubbii kee waan hedadheeruuf worri si sodaatan na laala'aa gammadan. Yaa Rabbi! murtiin kee balchaa akka ta'e hin beeka; wonti ati na hucuucceefillee waan Waaqa dhuga'aa taateef. Jaalalli kee jajjabeenna naa haa ta'u; hojjataa keetiillee akka dubbii keetii haa ta'uuf. Seera keetiin waan gammaduuf arjummaan tee naa haa dhuftuu; lubbu'uun jiraadhaa. Worri uf jajan hammeenna ufiitiin waan yakka na irra geessaniif haa mullan; ani ammo seera kee dhudhuma. Worri si sodaatan akka seera kee beekan gara kiyya haa deebi'anii. Ani akka hin saalfanne onneen tiyya seera keetiin guutuu haa taatu. Kaaf; Lubbuun tiyya fayyisuu kee hawwite; dubbii keellee hin hedadha. «Yoom na jajjabeessita » jedha'aa ijji tiyya uduu dubbii kee eeggattu dadhabde. Akka qalqala aara keessatti qoqonshooree ta'ullee; seera kee ammo hin irraanfanne. Barri garbicha keetii meeqa? eeganaa worra na ari'anitti yoom murtii kennita? Worri uf jajan ka seera kee hin eenne na qabu'uuf boolla naa qotan. Ajajjan kee maruu amansiisa'a; namoonni dharaan waan natti ka'aniiraniif na gargaari. Isaan lafa irraa na balleessu'uuf hennaa diqqo'otu isaan hafe; ani ammo ajaja kee hin dhiifne. Akkuma jaalala keetiitiin deebisii jiraataa na taasisi; ragaa afaan keetiillee hin eega. Laameedi; Yaa Rabbi! dubbiin kee baraa haga bara baraa jabaatee samii keessa jiraata. Amanamummaan kee ilma ilmaatitti lufa; lafa hin uumte; isiinillee hin jiraatti. Martinuu hojjattoota teeti; akkaataa seera keetiin haga adhaa jabaatanii jiraatan. Seerri kee burqaa gammachuu kiyyaa uduu ta'uu baatee silaa hennaa rakkinna kiyyaa hin bada ture. Karaa seera keetiitiin akka ani jireennaan jiraadhu waan na eeddeef ani sirimaa seera kee hin dagadhu. Ani waan kee ta'eef yabo'oo na oolchi; seera kee kabajjuu barbaada. Worri hammeeyyiin na ajjeesu'uuf riphanii na eegan; ani ammo seera kee dhudhuma. Dhuma hujii maraatuu hin arge; seerri kee ammo dhuma hin qabu. Meem; Waandhana! seera kee attamitti guddisee jaaladhe; guyyaa guutuu isuma dhudhuma. Seerri kee waan na keessaa hin banneef, diintota tiyya caalaa akka hubadhu na taasisan. Ani seera kee hennaa maraa waan dhudhumuuf, worra na barsiisan caalaa ogummaa qaba. Ajaja kee maraa waan raawwadhuuf, ani manguddoota maraa caalaa hubannaa qaba. Akka dubbii kee eegu karaa hammeennaa maraa irraa luka tiyya eege. Waan na barsiifteef seera kee ka dhuga'aa irraa hin fagaanne. Dubbiin kee natti mi'aaye! dammaa fi nadhii dammaa caalaa natti mi'aaye. Seera kee keessaa hubannaa argadhe; kanaaf karaa sobaa maraa hin jibba. Noon; Dubbiin kee akka ifaa na masakka; karaa kiyyattillee ifa naa ta'a. Seera kee ka balchumma'aa ka eegu'uuf waadaa gale hin jabeessa. Ani guddisee rakkadhe; yabo'oo akkuma dubbii keetii deebisii jiraataa na taasisi. Yaa Rabbi! galata afaan kiyyaa ka fedha kiyyaan sii dhiyeessu na irraa fudhadhu; ciincaa kiyya fudhadhu; seera keellee na barsiisi. Lubbuun tiyya hennaa maraa harka kiyya keessa jirti; seera kee ammo hin irraanfanne. Hammeeyyiin siiboo na jalatti diriirsan; ani ammo ajaja kee irraa hin dogoggorre. Seerri kee dhaala kiyya ka baraa haga bara baraati; garaan kiyya kanaan gammada. Baraa haga bara baraa haga dhumaa ajaja kee raawwachu'uuf murteeffadheera. Saamkeet; Worra hammeeyyii hin jibbe; seera kee ammo hin jaaladhe. Ati gargaaraa kiyyaa fi irkoo kiyya; dubbii kee abdi'iin eeggadhe. Isin cubbamtoonni na irraa fagaadhaa'a; ani ajaja Rabbii kiyyaa eega. Dubbii keetiin na irkisi jiraataa ta'aa; abdii dhabee akka hin saalfanne. Na gargaari ani hin fayyaa; hennaa maraa seera kee hin raawwadhaa. Dharraan isaanii waan dharaa waan ta'eef worra seera kee irraa fagaatan maraa buqqifte. Cubbamtoota lafa irraa maraa akka fisha'aatitti isaan balleessite; kanaaf ragaa kee jaaladhe. Ani waan si sodaadheef nafti kiyya na hollate; murtii keellee sodaadheera. Ee; Waan haqaa fi balchummaa qabu hojjadheera; worra na rakkisanitti dabarsitee na hin kennin! Ana garbicha keetii waan mishaa godhi; worri uf jajan na hin dhiibin; akka na dhiiban isaanii hin eeyyamin. Fayyisuu keetiif waadaa kee ka balchumma'aa eegu'uuf ijji tiyya na dadhabde. Ana garbicha keetii akkuma jaalala keetii naa godhi; seera keellee na barsiisi. Ani garbicha keeti; akka seera kee beeku qaabii naa kenni. Yaa Rabbi! namoonni waan seera kee diiganiif hennaan ati murtee tee kennitu amma. Kanaafuu waan worqi'ii fi gatii gudda'aa caalaa ajaja kee jaaladhe. Kanaafuu gara ajaja keetii maraa deeme; karaa hammeennaa maraa hin jibbe. Fee Seerri kee maalalchiisa'a; kanaaf lubbuun tiyya seera kee kana soxxe. Hiikkaan dubbii keetii hin ifa; wollaaltota hubattoota taasisa. Afaan banadhee hargane; waan seera kee yaadeef Akkuma worra si jaalatuu murtii qajeelaa kennitu, gara kiyyallee laalii naa araarami. Deemsa kiyya akka dubbii keetiititti qajeelchi; cubbuun marti na hin bitin. Dhara namaa jalaa na baasi; seera keellee hin eegaa. Ifa fuula keetii garbicha keetii ibsi; seera kee na barsiisi. Namoonni waan seera kee hin eenneef, ija tiyya keessaa imimmaan jige. Tsadee; Yaa Rabbi! ati balcha'a; murtiin keellee sirri'i. Seera kee balchumma'aan ajajje; guddisee amansiisa'alle'e. Diintonni tee ajaja kee waan fudhachuu didaniif guddisee na aarsa. Dubbiin kee ka abdi'ii amanama'a; ani garbichi kee guddisee jaaladheera. Ani yoo ka faayidaa hin qabnee fi tuffatamaa ta'ellee seera kee ammo hin irraanfanne. Balchummaan tee balchummaa bara baraati; seerri kee dhuga'a. Rakko'oo fi dhiphachuunillee na irra gaye; ajanyi kee ammo gammachuu kiyya. Seerri kee baraa haga bara baraa qajeela'a; seera keetiin jiraachuu akka danda'u qaabii naa kenni. Qoof; Yaa Rabbi! garaa kiyya guutu'uun iyyee naa dhagayi; seera kee hin barbaadaa. Ani sitti iyyadha na oolchi; seera kee hin eegaa. Dubbii kee abdii godhadhee; ganamaan ka'ee iyye. Dubbii kee yaadu'uuf halkan guutuu hin rafu. Yaa Rabbi! akka jaalala keetiititti laagaa iyya kiyyaa naa dhagayi; akka seera keetiititti deebisii jiraataa na taasisi. Worri dharaan na ari'an natti dhiyaatan; isaan worra seera kee irraa fagaate. Yaa Rabbi! ati dhiyoo jirta; karaan kee maruu dhuga'a. Seera kee beeku'uun akka isaan baraa haga bara baraa dhaabatan akka ati goote bara fago'oon dura hubadheera. Rees; Seera kee waan hin irraanfanneef rakkoo kiyya laalii na hambisi. Naa tamaaggadhuu na oolchi; sababaa dubbii keetiitiif jiraataa na taasisi. Waan seera kee irraa hin barbaanneef; fayyinni hammeeyyii irraa fago'o; Yaa Rabbi! gara laafummaan kee guddisee gudda'a; akka ajaja keetiititti jiraataa na taasisi. Worri na ari'anii na dhiphisan heddu; ani ammo seera kee irraa hin siindhe. Isaan waan seera kee hin eenneef worra amshaaggaa argee gadde. Akka ajaja kee jaaladhe laalii yabo'oo jaalala keetiin jiraataa na taasisi. Dubbiin kee bu'uura jabaa irratti bu'uureeffameera; seerri kee balchaan bara baraan jiraata. Saan; Worri bulchan duwwama na ari'an; onneen tiyya ammo waan dubbii keetiitiif guddiftee naate. Akka waan boojuu guddaa argadhee waan dubbii keetiitiif gammade. Soba hin jibba; hin shakka; seera kee ammo hin jaaladhe. Waan murtii kee balcha'aatiif guyyaa keessa harka torbaa si galatoonfadha. Worri seera kee jaalatan nageenni isaanii gudda'a; wonti isaan gufachiisu hin jiru. Yaa Rabbi! fayyisuu kee abdii godhadhee ajaja kee eege. Lubbuun tiyya seera kee eedde; guddisee jaaladha; Karaan kiyya maruu afoo keetitti addaataa waan ta'eef, seera keetii fi ajaja kee kabajje. Taawu; Yaa Rabbi! kadhaan kiyya si bira haa gawu; akkuma dubbii keetii hubannaa naa kenni. Kadhaan kiyya afoo kee haa dhaqu; dubbii keetiin na oolchi. Waan seera kee na barsiifteef, afaan kiyya galata kee hima. Ajanyi kee maruu waan balchaa ta'eef, afaan kiyya dubbii kee dubbate. Ani ajaja kee waan filadheef, harki kee na gargaaru'uuf qophii haa ta'u. Yaa Rabbi! ani fayyinna kee yaada; seerri kee gammachuu kiyya. Akka si galatoonfachuu danda'u, umurii naa dheeressi; seerri keellee na haa gargaaru. Ani akka hoolaa badeetitti raantaye; garuu ajaja kee hin irraanfanne; ana garbicha kee barbaadi. Hennaa rakkadhe gara Rabbii iyyadhe; innillee naa dhagaye. Yaa Rabbi! lubbuu tiyya arraba hamaa, afaan kiyya soba jalaa na baasi. Isin worri nama sobdan! Rabbi uduu maal isin godhee woyya? uduu attamitti isin adabee woyya? Buundhee woraanaa ka qarame; barbadaa cilee ajo'ootiin si adaba. Ani Meesheekiin keessa waan jiraadhuuf; banii biyya Qeedaarii keessa galtuu ta'ee waan jiraata'aaruuf, na hobbaasi! Banii nagaya jibban woliin lubbuun tiyya guddiftee hennaa dheeraa jiraatte. Ani nama nagaya barbaadu; hennaa ani waan nagayaa isaanitti dubbadhe isaan ammo duwwamatti natti ka'an. Ija tiyya gara gaarranii ol kaase; ka na gargaaru eessaa haa dhufu? Gargaaraan kiyya Rabbii ardi'ii fi samii uume biraa naa dhufa. Ka si eegu jabaa waan ta'eef akka ati tittimtu si hin dhiisu. Ka Israa'eliin eegu hin rafu hin mugulle'e. Rabbi si eega; Rabbi harka kee ka mirgaa biraan si golga. Aduun guyya'aan si hin gubdu; jiinillee halkaniin si hin miidhu. Rabbi hamaa maraa jalaa si eega; lubbuu teellee hin eega. Adha irraa jalqabee baraa haga bara baraa Rabbi bayaa fi gala kee hin eega. Hennaa «Gara mana Rabbii haa deemnuu» naan jedhan ani hin gammade. Yaa Yerusaalem! lutti teenna balbala tee keessa dhaabatteerti. Yerusaalem qachaa wolitti siixxee jabeeffamtee ijaaramte. Gofti Israa'elii maruu akka ajaja isaatitti; galata Rabbii dhiyeessu'uuf baniin Rabbii achii dhufan. qachattii tana keessatti wol gayan. Worri sanyii Daawitii keessaa mootii ta'an maruu banii ufiitii murtii kennu'uuf qachattii tana keessa jiraatan. Qachaa Yerusaalemii keessa akka nageenni jiraatu kadhadhaa'a; «Worri si jaalatu maruu haa lalisuu. Dallawa kee keessa nageenni haa jiraatu; mana mootumma'aa kee keessa tasgabbiin haa jiraatu.» Sababaa obboleewwan kiyyaatii fi goshoota kiyyaa ani Yerusaalemiin «Nagaya ta'i!» jedhaan. Yerusaalem sababaa mana Rabbii Waaqa keennaatiif akka wonti mishaan sii ta'u hawwa. Yaa Rabbi! ani gara teessoo keetii gara sami'ii ija tiyyaan ol laala. Yaa Rabbi Waaqa keenna! akkuma ijji hojjata'aa gara hojjachiisaa ufii laalu, ijji hojjattu'uullee akkuma gara hojjachiiftuu ufii laaltu, akkasuma haga ati nuu araaramtuu gara kee laalla. Yaa Rabbi! waan guddifnee tuffatamneef nu maari! yabo'oo nu maari. Nu'u arraba worra dureeyyi'iitii fi tuffii worra uf jajanii hifanneerra. Worri Israa'elii akkana haa jedhuu, «Uduu Rabbi nu woliin jiraachuu baatee silaa maal nuu woyya?» «Uduu Rabbi nu woliin jiraachuu baatee hennaa diintonni teenna nu miidhan Hennaa lolli isaanii akka ibiddaa nu irratti bobaye, silaa hennaa san uduma lubbu'uun jirru nu liqimsan ture; Lolaan nu fudhatee bisaan nu irra garagalee ture; Bisaan dhufellee silaa nuun lufa ture.» Rabbiin akka diinni keenna nu balleessu nutti hin dhiifne haa galatoomu. Lubbuun teenna akka simbira, siiboo dhadhooltu'uu jalaa, milixxee baatuutitti milixxee baate; siiboon hin ciccite, nullee jalaa baane. Nu gargaarsa kana Rabbii ardi'ii fi samii uume irraa arganne. Worri Rabbiin hedatan; akka gaara Tsiyoonii ka uduu hin raafamne baraa haga bara baraa jiraatuuti. Akkuma gaarran naannaya Yerusaalemii jiran akkasuma Rabbi naannaya banii ufii jira. Worri balchaan hammeennaaf akka harka ol hin fudhanne, uleen hammeeyyi'ii lafa worra balcha'aaf kenname irra hin ooltu. Yaa Rabbi! yabo'oo worra misha'aa, worra qajeela'aaf waan mishaa godhi. Worra hammeeyyii gara karaa daba'aa deebi'an ammo, Rabbi worra waan hamaa hojjatan woliin isaan balleessa; nageenni worra Israa'elii irra haa ta'u! Hennaa Rabbi Tsiyoonii boojuu deebise; eebjuu malee dhugaa nutti hin fakkaanne. Hennaa san gammannee kolfine; arrabni keenna faaruu gammachu'uu faarfate; sababaa kanaaf baniin kuuwwan, «Rabbi waan guddaa isaanii godhe» jedhan. Rabbi waan guddaa nuu godhe; nullee hin gammanne. Yaa Rabbi! akkuma roobni gammoojjii Neegeebiitii bisaan kennu qabeenna keenna ka booji'ame nuu deebisi. Worri imimmaaniin facaafatan faaruu gammachu'uu faarfata'aa wolitti qaban. Worri sanyii baadhatanii booya'aa deeman; hennaa deebi'an ammo gammachu'uun ililfata'aa qixiraa ufii baadhatanii deebi'an. Mana yoo Rabbi ijaare malee worri mana ijaaru duwwama dadhaban; qachaa yoo Rabbi eege malee worri eegu duwwama dadhaban. Ganama obboro'oon ka'a'aa waan ittiin jiraatan argatu'uuf xaara'aa galuun duwwa'a; Rabbi namoota jaalatuu hirriba kenna; waan isaan barbaachisu isaanii qopheessa. Daa'imman kennaa Rabbiiti; daraaraan gara'aallee gatii isaati. Ijoolleen dhiiraa ta ka'imumma'atti uumatan akka eboo harka loltu'uu keessa jirtuuti. Namni ijoollee akka ebo'oo taate tana qabu nama badhaadhe; hennaa diintota ufii woliin wol mormu hin mooyatamu. Worri Rabbiin sodaatan maruu, worri ajaja isaatiin jiraatan worra eebbaati. Waan hojjattee itti dadhabdee argatte nyaatta; gammachu'uu fi durummaallee hin argatta. Haati manaa tee mana kee keessatti akka woyinii daraaruuti; ijoolleen tee naannaya nyaata keetiititti akka biqiltuu muka ejersaati. Namni Rabbiin sodaatu kunoo akkanatti eebbifama. Rabbi Tsiyooniin irraa si haa eebbisu! bara jireenna keetii maraa durummaa Yerusaalemii hin argita. Ijoollee ijoollee teetii argu'uun si haa gawu! nageenni worra Israa'elii irra haa taa'u! Worri Israa'elii akkana haa jedhuu, «Ijoollummaa kiyya irraa jalqabee hennaa baay'ee na dhiphisan; «Dhugamaan daa'imummaa kiyya irraa jalqabanii na dhiphisan; ammo na hin mooyanne. Qonnaan bultoonni dudda na qotan; dheeressanii babbaqassan. Rabbi balcha'a; haada hammeeyyi'ii mummuree gate.» Worri Tsiyooniin jibban maruu mullanii duubatti haa deebi'anii! Akka marga mana gubba'atti bayee uduu hin guddanne goguu haa ta'anii. Akka marga haamanii harka namaa hin guunnee; cum'oo harka namaa hin guunne haa ta'anii. Worri isaan bira lufan diintota Tsiyooniitiin, «Rabbi isin haa eebbisu! maqaa Rabbiitiin isin eebbifna!» isaaniin hin jedhan. Yaa Rabbi! waan guddisee gaddeef sitti iyyadha. Yaa Rabbi! laagaa kiyya dhagayi! gurri kee dubbii kadhaa kiyyaa haa caqasuu. Yaa Rabbi! Uduu cubbuu keenna hordoftee eentu murtii jalaa bawuu danda'a? Si bira ammo dhiifamsatu jira; kanaafuu sodaatamuu qabda. Balbala Rabbiitii deddeebi'a; lubbuun tiyya obsaan isa eeggatti dubbii isaa hin hedadha. Haga waardiyyaa bariisaa eegu caalaa; ee, waardiyyaan bulee bariisaa eeguu caalaa, lubbuun tiyya Gooftaa hedatti. Rabbiin bira jaalala, isa birallee fayyinna gudda'atu jira; Israa'el Rabbiin abdii godhadhu. Inni Israa'eliin cubbuu isaanii maraa irraa hin fayyisa. Yaa Rabbi! garaan kiyya uf hin janye; ijji tiyyallee hin boontu; yaanni kiyya wontoota gugurdaa, waan hubachuu hin dandeenne saniin hin hoqqoobbanne. Lubbuu tiyya dubbii dhoogge; akkuma daa'imni harma gu'e cadhisee haadha irra taa'u, anillee ka hin dubbannee fi ka cadhisu ta'e. Israa'el! amma irraa jalqabii baraa haga bara baraa Rabbiin hedadhu! Yaa Rabbi! rakkoo Daawiti obse maraa yaadadhu; Akka inni Rabbii kakate, akka inni Waaqa Yaaqoobiitii akkana jedhee woreega qabe, Dhugamaan gara mana kiyyaa hin galu; siree tiyya irra hin bayu. Ija tiyya hirribni hin qabu; ija tiyyallee wolitti hin qabadhu. «Haga Waaqa Yaaqoobiitii mana ijaarutti hara hin baafadhu» jedhe. Laagaa kakuu isaa Efraata'atti dhageenne; biyya Qiriyaati'aarimii keessatti argine. Kanaan maayessa akkana jenne, «Koottaa gara mana Rabbii haa deemnuu; luka isaa jalatti haa sagannuu.» Yaa Rabbi! ka'i; Saanduuqa waada'aa ka hunna kee mudhisu woliin gara mana woyyumma'aa ka ati hara itti baafattuu seeni. Gadoonni tee hujii balchumma'aa haa hojjatanii; woyyoonni tee haa ililfatanii! Hojjataa kee Daawitiif jedhii ka filattee muudde hin dhiisin. Rabbi Daawitii dhugamaan kakate, «Ijoollee tee keessaa nama tokko mootii taasisa jedhee waadaa hin diiggamne galeef. Yoo ijoolleen tee waada'aa fi ajaja ani kennuuf eedde, ijoolleen isaanii ka siin maayessaa baraa haga bara baraa mooyan.» Rabbi Tsiyooniin filateera; hulee jireenna ufii taasifatuu barbaada. Huleen tun baraa haga bara baraa hulee ani hara itti baafadhu; waan filadheef hulee jireennaa godhadheera. Waan Tsiyoon nyaattu hin guddisaaf; hiyyeeyyiin isi'iillee haga quufanitti isaan nyaachisa. Gadoota isaanii fayyinna itti uwwisa; woyyoonni isi'ii gammachu'uun faarfatan. Kanaan Daawitii hunna keenna; ka muudellee ifa qopheessa. Diintota isaa akka salphinna uffatan taasisa; inni ammo gulloo ulfinnaa ka ifu godhata. Obboleewwan tokkumma'aan yoo jiraatan, misha'a; akkam bareeda! Akka dhadhaa ejersaa ka mataa Aaroonii irraa, haga areedaa, ka uffata isaa gubba'aa haga qaccee jala yaa'uu, ka urgaa mishaa qabuuti. Akka copha gaara Tsiyoonii ka Heermooniin irraa xoxuutitti; achitti Rabbi eebba ufiitii fi jireenna bara baraa ajajeera. Isin garboonni isaa! worri halkan mana woyyuu keessatti tajaajiltan martinuu, kootta'aa Rabbiin galatoonfadhaa'a! Mana woyyumma'aa keessatti; harka keessan kadha'aaf badhisaa'a, Rabbiin galatoonfadhaa'a! Rabbiin ardi'ii fi samii uume Tsiyooniin irraa si haa eebbisu! Halee luyaa! Rabbiin galatoonfadhaa'a; maqaa Rabbii jajaa'a; isin garboonni Rabbii Rabbiin galatoonfadhaa'a. Worri mana Rabbii keessa, balbala mana Waaqaa afoo dhaabattan; isa galatoonfadhaa'a. Rabbi waan arjaa ta'eef Rabbiin galatoonfadhaa'a; waan mishaa ta'eef maqaa isaatii faarfadhaa'a. Rabbi Yaaqoobiin ufiif, Israa'eliin filatee ka ufii taasise. Rabbi guddaa akka ta'e, Waaqa waaqolee tolfamaa maraa caalu akka ta'e waan beekuuf. Ardi'ii fi sami'itti galaana xiillaa keessatti Rabbi waan jaalate maraa hin godha. Daangaa lafaatii duumessa fida; rooba keessa bakakkaa buusa; qilleensallee hulee ufii kaayee baasa. Ijoollee Misirii ta hangaffanii, nama irraa jalqabee haga hori'ii maraa dhaye. Achitti mooticha Fari'oonii fi hojjattoota isaa adabu'uuf baasaa fi maalalee baay'ee godhe. Banii heddu dhaye; mootota jajjabaa ajjeese. Mootii Amoorotaa Seewooniin, mootii biyya Baasaanii Aagiin, mootota biyya Kana'aanii maraa ajjeese. Lafa isaanii banii ufii Israa'elii kenne. Yaa Rabbi! maqaan kee ka bara baraati; yaa Rabbi dhaloonni maruu si qaabata. Rabbi banii ufiitii hin murteessa; garboota ufiitiillee garaa laafa. waaqoleen worra ormaa birri'ii fi worqii irraa harka namaatiin hojjataman. Afaan qaban ammo hin dubbatan; ija qaban ammo hin argan. Gurra qaban ammo hin dhagayan; afaan isaanii keessa hafuurri hin jiru. Worri kana hojjatan, worri isaan hedatan maruu akka isaanii haa ta'anii. Isin banii Israa'elii! Rabbiin galatoonfadha'aa! isin manni Aaroonii Rabbiin galatoonfadhaa'a! Isin worri leewwi'ii Rabbiin galatoonfadhaa'a! isin worri Rabbiin sodaattan isa galatoonfadhaa'a! Tsiyooniin keessatti Rabbiin galatoonfadhaa'a! Yerusaalemiin hulee inni itti argamutti isa galatoonfadhaa'a! Halee luyaa! Rabbiin galatoonfadhaa'a; waan arjaa ta'eef jaalalli isaallee baraa haga bara baraatii. Waaqa waaqotaa galatoonfadhaa'a; jaalalli isaa baraa haga bara baraatii. Gooftaa gooftotaa galatoonfadhaa'a; jaalalli isaa baraa haga bara baraatii. Inni ka hojja ufii maalalee guddaa godhe; jaalalli isaa baraa haga bara baraati. Ka samii ogumma'aan uume; jaalalli isaa baraa haga bara baraati. Ka lafa bisaan irra dhaabe; jaalalli isaa baraa haga bara baraati. Ka hojja ufii ifa gugurdaa uume; jaalalli isaa baraa haga bara baraati. Ka aduun akka guyya'aan iftu godhe, jaalalli isaa baraa haga bara baraati. Ka ji'aa fi urjii akka halkan ifan godhe, jaalalli isaa baraa haga bara baraati. Ka worra Misirii hangafoota isaanii woliin fixe, jaalalli isaa baraa haga bara baraati. Ka worra Israa'elii isaan jiddu'uu baase, jaalalli isaa baraa haga bara baraati. Irree ufii jabaa hiixatee ka kanniin godhe, jaalalli isaa baraa haga bara baraati. Ka galaana diimaa gara gara qoode, jaalalli isaa baraa haga bara baraati. Ka worra Israa'elii isaan jidduu dabarse, jaalalli isaa baraa haga bara baraati. Fari'oonii fi loltuu isaa ka galaana diima'atti gate, jaalalli isaa baraa haga bara baraati. Ka banii ufii lafa gammoojji'ii keessa masakke, jaalalli isaa baraa haga bara baraati. Ka mootota gugurdaa dhaye, jaalalli isaa baraa haga bara baraati. Ka mootota baay'ee ajjeese, jaalalli isaa baraa haga bara baraati. Ka mootii Amoorotaa Seewooniin ajjeese, jaalalli isaa baraa haga bara baraati. Ka mootii Baasaanii Aagiin ajjeese, jaalalli isaa baraa haga bara baraati. Ka lafa isaanii isaanii kenne, jaalalli isaa baraa haga bara baraati. Ka worra Israa'elii lafa dhaalchise, jaalalli isaa baraa haga bara baraati. Ka hennaa salphanne nu yaadate, jaalalli isaa baraa haga bara baraati. Harka diintota keennaa jalaa nu baase, jaalalli isaa baraa haga bara baraati. Ka uumama maraa nyaata kennu, jaalalli isaa baraa haga bara baraati. Waaqa sami'ii galatoonfadhaa'a; jaalalli isaa baraa haga bara baraatii. Hennaa laggiin Baabiloonii qarqara teenneerru; Tsiyooniin qaabannee hin boonne. Achitti kiraara guddaa sagalee dhageessisu muka Aahaya'aatitti fannifanne. Worri nu booji'an achitti akka faaruu isaanii faarfannu nu gaafatan; worri nu rakkisan faaruu gammachu'uu nu irraa barbaadan akkasuma «faaruu Tsiyoonii keessaa tokko nuu faarfadhaa'a» nuun jedhan. Faaruu Rabbii dhiyeessuu barbaachisu biyya ormaa keessatti akkamitti faarfanna? Yerusaalem! yoo si irraanfadhe, harki kiyya ka mirgaa na haa ganu. Yoo si qaabachuu dhabaadhe, waan na gammachiisu caalaa yoo sitti hin gammanne, arrabni kiyya laagaa kiyya keessatti maxannee haa hafu. Yaa Rabbi! gaafa Yerusaalem qabamte waan worri Edomiyaasii godhan yaadi; «Akka isaan hundema irraa diigaa» jedha'aa iyyan san qaabadhu. Isin ijoolleen Baabiloonii salphoon waan isin haluu nu baataniif worri haluu isin bawu worra galataati. Ka daa'imman tee fuudhee dhagaa irratti bubburussu ka galataati. Yaa Rabbi! garaa guutu'uun si galatoonfadhaa; waan kadhaa kiyya naa dhageetteef maleekkota afo'otti faaruu sii dhiyeessa. Gara mana woyyuu keetii sagada'aa; waan jaalala keetiitii fi waan amanamummaa keetii, maqaa keetii galata dhiyeessa; maqaa keetii fi dubbii kee maraa waan caalchiteertuuf. Guyyaa si waamadhe deebii naa deebifte, jabeenna keetiin na jajjabeessite. Yaa Rabbi! hennaa dubbii afaan keetii dhagayan mootonni adunyaa tanaa maruu si haa galatoonfatanii. Waan guddinna ulfinna keetiitii fi, waan maalalee keetii maraaf si haa faarfatan. Rabbi yoo hulee gubba'aa jiraatellee, waan gad jiru hin arga; ka uf jajullee fago'otti beeka. Yoo rakkoon na marsellee eeddoo naa taatee na jiraachifta; ati lubbuu tiyya hin eedda; dheekkamsa diintota tiyyaa irratti harka kee hiixatta; harka kee ka mirgaatiin na oolchita. Rabbi kaayoo na irraa qabu hin raawwata; Yaa Rabbi! jaalalti tee baraa haga bara baraati; yabo'oo hujii harka keetiititti hin cadhisin. Yaa Rabbi! qortee na beetteerta. Ati taa'uu fi ka'uu kiyya hin beetta; yaada garaa kiyyaallee hin hubatta. Taa'uu fi dhaabachuu kiyya adda baaftee beetta; karaa kiyya maraa hubatteerta. Yaa Rabbi! uduu dubbiin afaan kiyyaa hin baane; ati maraa beetta. Ati afo'oo fi duuba kiyyaan na golgitee; harka kee na irra keette. Beekkumsi kee guddisee gad fago'o; haga ani hubachuu danda'uu oli. Hafuura kee jalaa eessa dhaqa? Si afo'oo dheessee eessa dhaqa? Yoo gara sami'ii baye ati achi jirta; yoo gara asaabaa gad bu'e ati achillee hin jirta. Koola baasee baya biiftu'uutii ka'ee uduu bararee; haga dhuma daangaa galaanaa uduu dhaqee; Achitti argamtee harka keetiin na masakkita; harka kee ka mirgaatiin na qabda. Dukkanaan «na dhossi» yookaan ifaan «dukkanatti naa jijjiirami» uduu jedhee Dukkanni si bira hin jiru; halkan akka guyya'aatitti ifa; kanaaf si biratti halkanii fi guyyaan garaa garummaa hin qabu. Ati kalee tiyya uumte; garaa haadha tiyyaa keessatti midhaassitee na uumte. Akka maalale'ee fi nama ajaa'ibsiisu ta'ee waan dhaladheef si galatoonfadha; hujii kee maalalchiisaa ani sirri'itti beeka. Hennaa ani dhossa'atti hojjatame hennaa lafa jalatti wolitti qamashame nafti kiyya si jalaa hin dhokanne. Uduu ani hin dhalanne na argite; guyyaan kiyya duruma galmee kee irratti galmaayeera. Waandhana! yaanni ati naaf qabdu kabajjama'a! laakkobsi isaa hagam baay'ata! Yaanni kee uduu laakkayee xidhacha galaanaa caalaa baay'ata; hin ciise, hin ka'e; ammallee ani si woliin. Waandhana! maal uduu hammeeyyii balleessitee! namoota dhiiga dheebottan! na irraa fagaadhaa'a! Isaan waan kee waan hamaa dubbatan; diintonni kee duwwamatti sitti ka'an. Yaa Rabbi! ani worra si jibbu guddisee jibba, worra si didanillee guddisee shakka. Guddisee isaan jibba; diina natti ta'aniiran. Waandhana! na qorii onnee tiyya beeki; na laali yaada kiyyallee beeki. Na keessa yoo balleessaan jiraate laali; karaa kee ka bara baraa keessa na masakki. Yaa Rabbi! namoota hammeeyyii jalaa na oolchi; namoota hammeeyyii irraa na eegi. Isaan garaa ufii keessatti dhara dhudhuman; guyyaa guutuu lolaaf wol gayan. Arrabni isaanii akka bofa summi'iin nama idduuti; dubbiin isaanii akka bofa summii qabuutitti nama idda. Yaa Rabbi! hunna worra hama'aa jalaa na eegi; worra dhibaa na kuffisu'uuf karoorfatan jalaa na eegi. Worri uf jajan siiboo natti diriirsan; haada wol keessa diddiramaa na jala buusan; na qabu'uuf karaa kiyya irratti gufuu kaayan. Rabbiin «Ati Waaqa kiyya» jedhaan; Yaa Rabbi! hennaa araara kee argatu'uuf si kadhadhu naa dhagayi; Yaa Rabbi! Gooftaa'a! jabaa fayyisaa kiyya! guyyaa lolaa mataa kiyya wonte'een naa dhossi. Worra hammeeyyi'ii waan isaan barbaadan hin kenniniif; akka boonaan uf hin dhiibne; kaayyoon isaanii akka tolu hin godhin. Diintonni tiyya worri na marsan karoora natti baafatan; akka isaan irratti raawwatamu taasisi. Barbadaan ibiddaa mataa isaaniititti haa jigu; boolla ibiddaatitti haa gataman; achi keessaa sirima hin bayin. Worri sobaan nama himatan sirimaa lafa irra dhaabatan hin qabaatin; wonti hamaan worra waan hamaa hojjatan irra haa gawu; isaan haa balleessu. Yaa Rabbi! hiyyeessaa akka haqa kabajjeessitu; rakkata'aa akka murtii sirri'ii murteessitu ani hin beeka. Namoonni balchaan dhugamaan maqaa kee galatoonfatan; qajeellonni si afoo jiraatan. Yaa Rabbi! si waamadhaa daddafii na gargaari! yoo gara kee iyyu naa dhagayi! Kadhaa kiyya akka hixaanaatitti na irraa fudhadhu; harka kiyya ka hiixatellee akka ciincaa halkanii godhiitii na irraa fudhu. Yaa Rabbi! afaan kiyya naa tissi; hidhii tiyyallee naa eegi. Dhara hojjachu'uuf worra waan hamaa godhan woliin akka wolii hin galle na eegi; affeerraa isaanii akka hin qoodamne na eegi. Namni balchaan ayyaanaan na teedeffachu'uu fi na adabuu hin danda'a; namoota hammeeyyii irraa kabajjaa hin fudhu; hennaa maraa hujii isaanii ka hammeennaa morma'aa si kadhadha. Jajjaboonni dhagaa qilee qarsa'aa irra gad darbaman; yoo san baniin dubbii kiyya dhugaa akka ta'e hin beekan. Akkuma hennaa lafa qotan qorqooffaan caccabee bittinnaayu akkasuma lafeen isaanii afaan boollaa irratti bittinnaaya. Yaa Rabbi! ijji tiyya ammo gara kee laaltii; si hedadhaa na hin ajjeesin. Siiboo isaan na afoo diriirsanii fi gufuu worra waan hamaa hujjatuu jalaa na oolchi. Ani haga nagayaan lufutti cubbamtoonni siiboo ufii dhaaban saniin haa qabaman. Laagaa kiyya ol qabadhee Rabbitti iyyadha; akka naa araaramu isa kadhadha. Kadhaa kiyya isa afo'otti dhangalaasa; rakkoo kiyyallee isatti himadha. Yoo abdii kutachu'uuf hennaan diqqoon na hafu; maal godhuu akka na barbaachisu inni hin beeka; diintonni tiyya karaa ani deemu irratti siiboo kaayan. Gara mirgaa laalee ka na beeku dhabe; hulee itti dhokadhu hin qabu; ka waan lubbuu tiyyaa yaadu hin jiru. Yaa Rabbi! akka na gargaartuuf gara kee iyya'aara; Yaa Rabbi eeddoon kiyya si'i; biyya jiraattotaa keessatti hireen kiyya si'i. Ani guddisee nama abdii kutate waan ta'eef; akka na gargaartuuf hennaa sitti iyyadhu naa dhagayi; guddisanii waan natti hammaataniiraniif diintota tiyya irraa na hambisi. Akka si galatoonfadhu hidha'aa na baasi; hujii araaraa ka ati naa goote hennaa argan balchoonni kee naannaya kiyyatti wol gayan. Yaa Rabbi! kadhaa kiyya naa dhagayi; dhuga'aan kadhaa kiyya naa dhagayi; akka amanamumma'aa fi balchummaa keetiititti naa deebisi! Si afo'otti eennullee balchaan waan hin jirreef; ana garbicha keetitti hin murteessin. Diinni kiyya hordofa'aa na ari'a; dukkana keessatti hidhee na rakkise; akka namoota woggaa dheera'aan dura du'anii ta'eera. Sababaa kanaaf hafuurri kiyya na keessatti dadhabe; uf keessatti abdii kutadhe. Waan bara durii ta'e maraa hin qaabadha; hujii kee maraa hin dhudhuma; hujii harka keetii maraa hin yaadadha. Harka kiyya gara kee hiixadhee kadhadha; akka lafti gogaan bisaan barbaadutti akkasuma lubbuun tiyya si dheebotte. Yaa Rabbi! ani waan dadhabee uf ijibbaadhee hafuurri adda na citeef; daddafii deebii naa kenni! fuula kee na jalaa hin dhoffatin; yookaan akka gara boolla ibidda asaabaa bu'anii ta'aa. Ka ani hedadhu waan si ta'eef jaalala kee ka bara baraa akka beeku na gargaari; waan lubbuu tiyya yaboo sitti kennadheef karaa deemu natti mudhisi. Yaa Rabbi! waan si kadhadheef diintota tiyya jalaa na hambisi. Ati Waaqa kiyya waan taateef, akka fedha kee raawwadhu na barsiisi; Hafuurri Woyyuun kee karaa qajeelaa na haa masakku. Yaa Rabbi! maqaa keetiif jedhii na jiraachisi; balchummaa keetiin lubbuu tiyya rakkoo keessaa baasi. Jaalala keetiin diintota tiyya balleessi; ani garbicha kee waan ta'eef worra lubbuu tiyya muddan maraa balleessi. Rabbii irkoo kiyya galanni haa gawu! duulaaf na leenjisa; lolaaf na qopheessa. Rabbi eeddoo kiyyaa fi hedannoo kiyya; hulee jalatti dhokadhu; inni fayyisaa kiyya; isa hedadhee nagayaan jiraadha; inni banii kiyya luka kiyya jala taasisee na jalatti isaan bulcha. Yaa Rabbi! wonti hagana mara nama kunuunsituuf maali'i? ka hagana mara isaa yaaddu namni maali'i? Namni akka qilleensa bubbisuuti; barri isaa akka gaaddisa lufuuti. Yaa Rabbi! samii baqassii gad bu'i; gaarran qaqqabi; isaan haa aaranii. Bakakkaa kee falaqqisiisii diintota kee bittinneessi; eboo keetiin darbadhuu isaan ari'i. Harka kee gubba'aa gad hiixadhuu qilee bisaanii keessaa na baasii na hambisi; hunna nyaaphaa jalaa na baasi. Isaan sirima dhugaa hin dubbatan; harka mirgaa ol fudhatanii sobaan kakatan; Waandhana! faaruu haarawa sii faarfadha; meeshaa laagaa kennu ka miseensa kudhanii qabu darabeessee si faarfadha. Ati moototaa mootee kennita; garbicha kee Daawitiin guraadee qaramaa jalaa hin oolchita. Harka nyaaphxicha diina kiyyaa jalaa na oolchi; afaan isaanii soba dubbata; harki isaanii ka mirgaa kakuu sobaatiif ka'a. Worri ijoolleen isaanii ka'imumma'atti akka biqiltuu haarawaa ka guddatanii jabaatan haa ta'an; ijoolleen teenna ta intalaa akka muka qasatoo mana mootumma'aatiif utubaa bareechisanii bocanii haa ta'anii. Gootaraan keenna midhaan bifa bifaatiin haa guuttaman; hoolonni teenna ta raasa'atti bobbayan ilmoolee kumaatamatti laakkayaman dhala'aa haa baay'atan. Loowwan keenna haa qanani'anii uduu gara'aa hin ganne haa horanii; karaa keenna irratti iyyansi gaddaa sirimaa hin dhagayamin. Baniin akkas ta'uuf sun ka eebbifame! baniin Rabbi Waaqa ta'eef eebbifama'a! Yaa Waaqa! mootii kiyya! si galatoonfadha; maqaa kee baraa haga bara baraa galatoonfadha. Guyya guyya'aan si galatoonfadha; baraa haga bara baraa maqaa kee hin galatoonfadha. Rabbi gudda'a; galata gudda'atu isaa ta'a; guddinni isaa waan namni hubatuu oli. Dhaloonni tokko hujii kee dhaloota itti aanutti ibsa; hujii hunna keetiillee hin labsa. Baniin waan guddinnaa fi ulfinna gaachena keetii dubbatan; anillee waan hujii kee ka maalale'ee dhudhuma. Baniin waan hujii kee gugurdaa maalale'ee dubbatan; anillee guddinna kee labsa. Waan guddinna balchummaa keetii hin dubbatan; waan hunna qajeellummaa keetii laagaa gudda'aan faarfatan. Rabbi gara laafessaa fi arja'a; dafee hin dheekkamu; jaalalli isaa gudda'a. Rabbi worra obsaniif arja'a; jaalalli isaa hujima isaa maraa irratti. Yaa Rabbi! hujiin harka keetii maruu si galatoonfata; baniin kee maruu si ulfeeffatan. Hunna ulfinna mootummaa keetii himan; hunna keellee hin dubbatan. Hunna tee ilmaan namaatitti ulfinna mootummaa keetii beessisu'uuf. Mootummaan tee mootummaa bara baraati; bulchiinsi kee ilmaan ilmaaniititti lufa. Rabbi dubbii ufiitiin amanama'a; hujii ufii maraanuu arja'a; Rabbi worra daddaaqan hin irkisa; worra kufanillee hin kaasa. Namni maruu sima abdata; atillee hennaa maraa nyaata isaanii kennita. Ati harka kee badhiftee uumama maraa waan mishaa isaan quubsita. Rabbi karaa ufii marattuu balcha'a; hujii ufii marattuu arja'a. Rabbi worra isa waamatu worra dhuga'aan isa waamatu maraafuu dhiyoo jira. Worra isa sodaatan fedhii isaanii hin guutaaf kadhaa isaanii hin dhagaya; isaan hambisalle'e. Rabbi worra isa jaalatan maraa hin eega; hammeeyyii ammo hin balleessa. Ani hennaa maraa Rabbiin galatoonfadha; wonti inni uume maruu baraa haga bara baraa maqaa isaa woyyicha haa galatoonfatanii. Halee luyaa! lubbuu tiyya! Rabbiin galatoonfadhu! Bara jiraadhu maraa Rabbiin galatoonfadha; bara jireenna kiyyaa maraa Waaqa kiyya hin faarfadha. Ka ilmaan namaa fayyisuu hin dandeennee fi worra bulchan hin hedatinaa'a. Isaan du'anii biyye'etti deebi'an guyyama san karoorri isaaniillee bada. Namni Waandhi Yaaqoobii gargaaraa ta'eef ka abdiin isaa Rabbii Waaqa isaa ta'e ka galataati. Inni ardi'ii fi samii, galaanaa fi waan isaan keessa jiran maraa uume; ka dhugaa baraa haga bara baraa eegu. Ka worra miidhamanii murteessu; ka worra beelayanii nyaata kennu Rabbi worra hidhame hin hiika. Rabbi worra kufan hin kaasa; Rabbi worra ballaa ogeeyyii taasisa; Rabbi worra balchaa hin jaalata. Rabbi worra baqatan hin eega; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabnee fi worra haadha hiyyeessaa hin gargaara; karoora worra hammeeyyi'ii hin balleessa. Rabbi baraa haga bara baraa hin mooya; yaa Tsiyoon Waandhi kee dhalootaa haga dhalootaa hin mooya; Halee luyaa! Halee luyaa! Waaqa keennaa faaruu dhiyeessuun misha'aa fi bareeda'a. isa galatoonfatuun waan nama gammachiisu. Rabbi Yerusaalemiin deebisee hojjata; worra Israa'elii ka bittinnaaye wolitti qaba. Worra onneen isaanii madoofte hin fayyisa; dhibee isaanii irraallee isaan fayyisa. Laakkobsa urji'iillee hin beeka; isaan maraa maqaa isaaniitiin waama. Gooftaan keenna gudda'a; hunni isaa gudda'a; ogummaan isaallee haga hin qabu. Rabbi worra tuffataman ol isaan guddisa; worra dhara hojjatan ammo kuffisee salphisa. Galata Rabbiitiif faarfadhaa'a; Waaqa keenna kiraara guddaa sagalee dhageessisuun faarfadhaa'a. Samii duumessaan cufa; lafaallee rooba kenna; gaarran gubba'atti marga margisiisa; waan lalise bu'aa dhala namaatiif. Ilmoolee harraageyyi'ii ta isa waamattuu, busaawa'aallee waan nyaatan kenna. Gammachuun isaa hunna farado'ootii fi hunna loltootaatiinii miti. Rabbi ammo worra isa sodaatan worra jaalala isaa hedatanitti hin gammada. Yerusaalem! Rabbiin galatoonfadhu! Tsiyoon! Waaqa keetii ililfadhu; loosaa balbala keetii jabeessee banii si jidduu jirullee waan eebbiseeruuf. Daangaa kee nagaya godhe; qamadii misha'aan si quubsa. Ajaja ufii bani'iif dabarsa; dubbiin isaallee dafee raawwatama. Fuuttaa jirbi'ii akka qorra adi'iititti badhisa; qorrallee akka daara'aatitti bittinneessa. Baradaa kukkutee gad harcaasa; kirfaffuu isaa afoo eentu dhaabachuu danda'a? Dubbii ufii ergee isaan baasa; qilleensa bubbisiisee bisaan dhangalaasa. Dubbii ufii ijoollee Yaaqoobiitii, seeraa fi ajaja ufiillee banii Israa'eliitii kenna. Waan kana maraa banii kaawwanii hin goone; seera ufiillee isaanii hin ibsine. Halee luyaa! Halee luyaa! samiiwwan gubba'aa Rabbiin galatoonfadhaa'a. Maleekkonni maruu galatoonfadhaa'a; uumamni samii irra jirtan maruu galatoonfadhaa'a. adu'uu fi urjiin galatoonfadhaa'a; Addeessinii fi ifni maruu galatoonfadhaa'a. Samiin samootaa galatoonfadhaa'a; bisaan lafa irra jirtanillee galatoonfadhaa'a. Martinuu maqaa Waaqaa haa galatoonfatanii! inni isaan ajaje isaanillee hin uumaman. Ajaja bara haga bara baraaf hin darbineen isaan dhaabe. Bineensonni galaana qilee keessaa lafa irraa Rabbiin galatoonfadhaa'a. Ibiddinii fi baradaan, qorrinii fi duumessi qilleensi ajaja isaa raawwattan Rabbiin galatoonfadhaa'a; Munni daraaraa birbirsaa maruu gaarranii fi gooddi maruu Horiinii fi bineensonni maruu wontoonni munyuuqan allaattiin bararan maruu Rabbiin galatoonfadhaa'a. Mootonni biyya lafaatii fi baniin maruu bulchoonninii fi worri lafa irratti murtii kennitan maruu Rabbiin galatoonfadhaa'a. Dargaggeeyyiinii fi durbi, jaarsonninii fi ijoolleen, Maqaa Rabbii galatoonfadhaa'a; maqaan isaa ufumatti waan kabajjameeruuf; ulfinni isaa ardi'ii fi sami'ii ol. maruu maqaa Rabbii haa galatoonfatanii. Inni worra amanamaa dhiyoo jiran garboota ufii Israa'eliin hin kabajja; worra galataa isaan taasise; Halee luyaa. Halee luyaa! Rabbiin faaruu haarawaan galatoonfadhaa'a! wol geettii woyyootaa jiddu'utti isa galatoonfadhaa'a! Baniin Israa'elii uumaa ufiititti haa gammadanii! Tsiyoonillee mootii keessanitti gammada'aa burraaqaa'a! Maqaa isaa faaru'uun galatoonfadhaa'a; masiinqo'oo fi dibbe'een maqaa isaa galatoonfadhaa'a. Rabbi waan banii ufiititti gammadeef gara laafeyyii fayyisee isaan kabajja. Woyyoonni ulfinna isaatiin boonan; halkan guutuu gammachu'uun faarfatan. Galanni Rabbii afaan isaanii keessa guraadeen gara lamaan qara qabu harka isaanii keessa haa ta'u. Worra Yihuudota hin taane haluu bayuu'u; namootallee adabu'uuf Mootota isaanii haada sibiilaatiin, bulchoota isaanii haada sibiilaatiin luka isaanii akka hidhan; Seerri barreeffame akka isaan irratti raawwatamu; kun woyyoota maraaf ulfinna. Halee luyaa! Halee luyaa! Rabbiin mana woyyumma'aa keessatti isa galatoonfadhaa'a! samii hulee hunni isaa maalalchiisaan jirutti isa galatoonfadhaa'a! Waan hujii isaa maalalchiisa'aatiif isa galatoonfadhaa'a; guddinna isaa ka haga hin qabneef isa galatoonfadhaa'a. Xurumba'aan isa galatoonfadhaa'a; kiraara sagalee guddaa dhageessisuu fi masiinqo'oon isa jajaa'a. Dibbe'ee fi shubbisu'uun isa jajaa'a; meeshaa faaru'uu kiraaraa fi booba'aan isa galatoonfadhaa'a; meeshaa laagaa misha'aatiin isa jajadhaa'a. Meeshaa laagaa bareeda'aa ka shaka shaka jedhuun isa galatoonfadhaa'a. Jiraattonni maruu Rabbiin galatoonfadhaa'a; Halee luyaa. Mammaakkan Solomoon ilmi Daawitii mootiin Israa'elii dubbate. Mammaakkan kunniin ogumma'aa fi gorsa hubachu'uu fi jechoota yaada gad fago'oo hubachu'uuf, balchummaa, haqaa fi murtii madaalli'ii raawwachu'uuf, qalbii ogumma'aan leenjite argachu'uuf, worra bilchinna hin qabneef hubannaa, worra umuri'iin ijoolloomanii beekkumsaa fi qalbii kennu'uufiif, ogeeyyiin haa caqasanii; barumsa ufiillee haa cimsatanii; worri hubatanillee qajeelcha irraa haa argatanii; kunillee mammaakkan ogeeyyi'iitii fi fakkeenna, jechootaa fi hibboowwan akka hubataniif. Rabbiin sodaachuun ogummaa jalqabaati; gowwoonni garuu beekkumsaa fi gorsa tuffatan. Ilma kiyya! gorsa abbeetii dhagayi; barumsa haatetiillee hin dhiisin. Kunniin mataa keetii gaachena; morma keetitti hudhoo bareedaa sii ta'an. Ilma kiyya! yoo cubbamtoonni si sossoban tole isaanii hin jedhin. Isaan «Nu woliin koottu, dhandhee riphnee dhiiga namaa dhangalaafnaa nama balleessaa hin qabne sababaa tokko malee miidhu'uuf kara'atti eennaa; Akka awwaalli worra du'an nyaatutti nullee uduu isaan lubbu'uun jiran isaan liqimsinaa! akka namoota du'anii boollatti galanii isaan haa goonuu! Waan mi'aa ta'e maraa hin argannaa, manniin keenna waan saamneen guunnaa; Koottu nu woliin birmadhu; waan saamnee fudhannu maraa woliin qaraciitii keenna guunnaa» yoo siin jedhan; Ilma kiyya! ati isaan woliin miila hin buqqifati; karaa isaan deeman irraa gori. Lutti isaanii cubbu'uuf jarjarti; dhiiga jissu'uuf ariifatan. Siiboon uduu gogorriin argitu dhaabdu gatii hin qabu. Riphanii eeggachuun isaanii, dhiiguma ufii jissu'utti isaan geessa dhokatanii ka biraa eeguun isaanii isaanuma balleessa. Worri bu'aa argachu'uuf karaa male'een fiigan maruu; dhumti isaanii akkana; badiin jireenna isaaniillee kanuma. Ogummaan karaa irra dhaabattee iyyitee waamti; hulee itti gad bayan maratti guddiftee laagaa ufii dhageessifti. Karaa wony'i itti baay'atu irratti iyyiti; balbala seensa qacha'aatitti akkana jetti, «Isin worri bilchinna hin qabne! karaa keessan ka hubannoo hin qabne haga yoomii jaalattan! worri baldu balda ufiititti ka gammadan, worri gowwaan beekkumsa haga yoomii jibban? Uduu xixa kiyya dhageettanii, silaa ani garaa isinii laafee yaada kiyyallee isinitti beessisa ture. Garuu hennaa ani isin waame waan diddaniif, hennaa harka kiyya isinii diriirse eennullee waan hajaa hin qabneef, gorsa kiyya maraa waan tuffattaniif, xixa kiyyallee waan hin fudhanneef, kanaafuu anillee rakkinna keessanitti hin kolfa; hennaa balaan isin irratti bu'ullee isinitti balda. Hennaa balaan akka dambali'ii isin raasu, hennaa rakkinni akka haboonbolatti'iititti isin haxaayu hennaa rakkinninii fi leelaluun isin irra gara galu isinitti balda. Hennaa san na waamatan; ani garuu isaanii hin deebisu; jabaatanii na barbaadan garuu na hin argatan. Waan beekumsa jibbaniif waan Rabbiin sodaachuu didaniif, gorsa kiyyallee waan hin jaalanneef, xixa kiyya maraa waan tuffataniif, Kanaaf daraaraa hujii ufii nyaatan; bu'aa karoora ufii quufan. Worra bilchinna hin qabne adaba dhabuu isaaniititu isaan ajjeessa; gowwoota lash jechuun isaan balleessa. Garuu ka na dhagayu maruu tasgabbaayee nagayaan jiraata; rakkoo gara garaa irraallee hara baafata.» Ilma kiyya! yoo jecha kiyya fudhatte, yoo ajaja kiyya garaa kee keessa kaayatte, gurra kee gara ogumma'aa yoo qajeelchite, qalbii kee gara hubanna'aa yoo deebifte, akkasuma yoo ogummaa gar gar baafachu'uuf yoo worwaatte, laagaa kee ol qabattee yoo ogummaa waamte, Akka meeti'iititti yoo isii barbaadde, akka qabeenna dhokata'aatitti jabeessitee yoo isii hawwite, Hennaa san Rabbiin sodaachuu hubatta; Waaqa beekuulle hin argatta. Rabbi waan ogummaa namaa kennuuf; afaan isaa beekkumsaa fi hubannaa dubbata. Inni worra qajeela'aaf mootee kenna; worra mudaa malee jiraataniif wontee ta'a. Akkaataa deemsa haqaa hin eega; jireenna worra amanama'aa hin jabeessa. Hennaa san qajeellumma'aa fi haqa madaalu'uu fi karaa mishaa maraa hin hubatta. Ogummaan garaa kee keessa waan seentuuf; beekkumsi lubbuu tee hin gammachiisa. Dandeettiin gar gar baafachu'uu si golga; hubannaanillee si eega. Ogummaan namoota dubbiin isaanii hamaa ta'e irraa, karaa hammeeyyi'ii irraallee si oolchiti. Kunniin worra karaa dukkanaa deemu'uuf karaa qajeelaa dhiisan. Worra waan hamaa hojjachu'utti gammadan, worra karaan hammeennaa itti tolu, karaan isaanii daba'a; deemsi isaanii micciirama'a. Dubartii seebartu irraallee si eeddi; ta afaaniin si sobdu, ta saala hin qabne jalaallee si oolchiti. Dubartiin tun ta abbaa worraa ufii ka ijoollumma'aa dhiifte, ta waadaa Waaqa ufii afo'otti galte salphifte. Manni is'ii gara du'aa fida; karaan isi'ii gara hafuura worra du'anii masakka. Ka gara isi'ii seenu eennullee hin deebi'u; karaa jireennaallee hin argatu. Ati karaa namoota mimmisha'aa deemta; karaa worra balcha'aallee qabattee deemta. Worri qajeelaan lafa irra jiraatan; worri mudaa hin qabne isii irratti ijaaramanii jiraatan. Hammeeyyiin garuu lafa irraa badan; worri amanamummaa dhidhu'uu isii irraa buqqa'an. Ilma kiyya! barumsa kiyya hin irraanfatin; ajaja kiyyallee garaa kee keessatti eegi; Isaan guyyoota sii eda'an, barootallee sii dheeressan; jireenna, durumma'aa fi nagaya sii baay'isan. Jaalallinii fi amanamummaan sirima si irraa hin fooyamin; morma keetitti isaan hidhadhu; gabatee qalbii teetii keessatti barreeffadhu. Hennaa san gaachenaa fi maqaa mishaa namaa fi Rabbiin birattillee argattaa. Garaa kee guutu'uun Rabbiin abdadhu; hubannaa keetitti hin irkatin. Karaa kee marattuu isa beeki; inni karaa kee sii qajeelchaa. Yaada keetiin ani ogeessa ufiin hin jedhin; Rabbiin sodaadhu; hamaa irraa fagaadhu. Kun nafa keetiif fayyaa; lafee keetiifillee jabeenna ta'a. Rabbiin durummaa keetiin, midhaan kee maraa keessaa ka duraa kennu'uun kabajji. Yoo kana goote sheemaxeen kee guutee irraa hafa; huleen cuunfaa woyini'ii keellee guutee cambalaqa. Ilma kiyya! gorsa Rabbii hin tuffatin; xixa isaatittillee hin mararamin. Akkuma abbaan ilma ufii ka itti gammadu maraa adabu Rabbillee ka ufii jaalatu hin adaba. Namni ogummaa argatu, ka hubannaa horii ufii godhatu ka eebbaati. Isiin ta meetii caalaa gatii fiddu; ta worqii caalaallee faayidaa argamsiiftu waan taateef. Isiin mi'a diimaa gatii gudda'aa caalaa mi'a'a; wonti ati hawwitu maruu ka isii gayu hin jiru. Harka isi'ii ka mirgaa irra umurii dheera'atu jira, harka ufii ka bita'aatitti durumma'aa fi ulfinna qabatteerti. Daandiin isi'ii nama gammachiisa; karaan isiin deemtu maruu ka nagayaati. Isiin worra isii ammataniif muka jireennaati; worri isii qabatanillee hin eebbifaman. Rabbi ogumma'aan lafa jabeessee uume; hubannaa ufiitiin samiiwwan hulee isaaniititti jabeesse. Ogummaa isaatiin burqaawwan gad fago'oo adda qoodaman; duumessillee fixeensa coccophsan. Ilma kiyya! murtii sirri'iitii fi hubatanii gar gar baafachuu jabeessii qabadhu; kunniin ija kee afo'oo hin fagaatin. Lubbuu keetiif jireenna; morma keetiifillee faaya ta'an. Achiin maayessa karaa kee nagayaan deemta; lutti teellee hin gufattu, yoo raftu hin sodaattu; hirribni keellee sitti mi'aaya. rakkoo dimmaa dhufu, badii worra hammeeyyii irra gayullee hin sodaatin. Rabbi waan hedoo kee ta'eef, akka lutti tee siibo'oon hin qabamne eega. Worra waan mishaa barbaadanii uduu waan mishaa isaanii godhuu dandeettu godhuu hin dhiisin. Amma uduu harkaa qabdu, ollaa keetiin «Turii koottu, boru sii kennaa» hin jedhin. Nama si hedatee si bira taa'uu fi ollaa keetittillee hamtuu hin yaadin. Uduu miidhaa si irra hin geessine sababaa malee nama hin himatin. Nama hama'atti hin hinaafin, karaa isaa kamiinuu hin filatin, Rabbi dabaa maraa waan balfuuf, nama qajeela'atti garuu dhossaa ufii ibsa. Abaarsi Rabbii mana worra hammeeyyi'ii irra; mana worra balcha'aa garuu hin eebbisa. Inni worra murugutti hin balda; worra kaso'oof garuu gaachena kenna. Ogeeyyiin ulfinna argatan; gowwoota garuu salphinnatti isaan baasa. Ijoollee tiyya! gorsa abba'aa dhagayaa'a; qalbi'iin caqasaa'a; hubannaa horii godhadhaa'a. Ani barumsa mishaa isinii kenna; kanaafuu barumsa kiyya hin dhiisinaa'a. Ani hennaa mana abbaa kiyyaatitti mucaa areedoo ture, haadha tiyyaafillee hennaa ilma tokkocha ture, Abbaan kiyya akkana jedhee na barsiise, «Garaa kee guutu'uun jecha kiyya qabadhu; ajaja kiyyallee eegi lubbu'uun jiraattaa. Ogummaa argadhu; hubannaallee qabadhu; jecha kiyya hin irraanfatin; isii irraa hin gorin. Ogummaa hin dhiisin, golga sii taatii; jaaladhuun si eeddii. Ogummaan waan guddo'o; kanaafuu ogummaa argadhu; waan qabdu maraa yoo si kaffalchiiftellee hubannaa horii kee godhadhu. Ulfinna kenniif ol ol si qabdii; ammadhuun; si kabajjitii. Gulloo ulfinnaa mata'atti sii gooti; qoobii ulfinnaallee sii kenniti.» Ilma kiyya! na caqasi; dubbii kiyyallee qalbifadhu; bara dheeraa jiraattaa. Daandii ogumma'aa irratti si barsiisa; karaa qajeelaallee sitti mudhisa. Yoo deemtu miilli kee hin sakaalamu; yoo fiiddullee hin gufattu. Gorsa jabeessii qabadhu; gad hin dhiisin, jireenna kee waan ta'eef eeggadhu. Gara karaa cubbamtootaa luka kee hin kaasin; daandii worra hammeeyyi'iitiin hin deemin. Achi hin gayin, isii irra hin deemin; dheessi; karaa kee qabadhuu deemi. Waan hamaa yoo hin goone hin rafan; yoo nama hin gufachiifne hirribni isaan hin qabu. Buddeena hammeennaa nyaatan; daadhii woyini'ii ka hunnaan namatti ka'u'uu dhugan. Karaan worra balcha'aa akka ifa haga guyyaa guutu'uu ifa'aa deemuu ka akka gagaarrinna ganamaati; Karaan hammeeyyi'ii garuu akka dukkana jaama'aati; maaltu akka isaan sakaalu hin beekan. Ilma kiyya! waan ani sitti himu hubadhu; dubbii kiyyallee uf eeggadhuu caqasi. Ija tee afo'oo hin fageessin; garaa kee keessatti eegi. Worra isii argatuuf jireenna, qaama namaa maraafuu fayyaa waan taateef. Waa maraa caalaa qalbii tee eeggadhu; maddi jiruu teetii waan isii ta'eef. Daba afaan kee keessaa balleessi; qaaqa badaa arraba kee irraa fageessi. Ijji tee qajeelchitee haa laaltuu; guuttadhuu uf afoo laali. Karaa miila keetii qajeelfadhu; karaa wol qixxaayaa callaa qabadhu. Bita'aa fi mirga hin jedhin, miila kee hamaa irraa eegi. Ilma kiyya! ogummaa tiyya qalbifadhu; dubbii kiyya ka hubanna'aa qalbi'iin caqasi. Kun akka qalbii godhachuu horii kee godhattu; akka arrabni kee beekkumsa eeggatuuf. Hidhiin dubartii seebartuu damma waan coccophsuuf arrabni isi'ii akkuma dhadha'aa nama hin quuqu. Dhuma irratti garuu akka hargiisaatitti hadhoofti; akka guraadee gara lamaan qara qabuu taati. Lutti isi'ii gara boollaa gad bu'an; tarkaanfiin isi'ii qajeeltoma gara asaabaa deeman. Waan karaa jireennaa hajaa hin qabdu, karaan isi'ii daddaba'a; garuu isi'itti hin beessisu. Eeganaa ijoollee tiyya na dhagayaa'a; dubbii ani isinitti himu irraa hin siiqinaa'a. Karaa kee isii irraa fageessi; balbala isi'ii irrallee hin lufin. Kunillee akka ati jabeenna kee ka biraatiif; umurii keellee worra garaa jabaataniif hin kennineef. Akka ormi qabeenna keetitti hin bashannanneef, xaariin teellee akka mana nama biraa hin duroomsineef. Foonii fi nafti kee hennaa si gane, dhuma umurii keetiititti hin woyatta. Akkana jetta, «Maal! ani gorsa jibbe; maal! garaan kiyyallee sirraayuu tuffate. Ani barumsa barsiisota tiyyaa hin dhageenne; worra na leenjisanillee hin caqafne. Gumii maraa afo'otti; gara badii guutu'uu dhiyaadhe.» Hulee kee ka bisaan itti kuufattuu bisaan kee ka boolla keessaa burqu dhugi. Burqaawwan kee guutanii gara raasa'aa, laggiin kee gara bayima itti bayanii yaa'uu barbaachisaa? Sima calla'aaf haa ta'anii; ormi sitti hin falmin. Burqaan kee ka eebbaa haa ta'u; haadha manaa tee ta bara ijoollumma'aatitti gammadi. Isiin bareedduu akka borofaa; michuu akka kuruphe'eeti; harmi isi'ii hennaa maraa dheebuu si haa baasanii; jaalalli isi'ii hennaa maraa si haa booji'u. Ilma kiyya! maaf jaalala dubartii seebartuutiin machoofta? haadha manaa nama biraa maaf ammatta? Karaan namaa Rabbiin afo'otti waan mudhataa ta'eef; Inni karaa irra deeman maraa hin qora. Nama hamaa hujiin hamaan isaatuu isa qaba; haanni cubbuu isaatuu duudhatee isa qaba. Sababaa dhidhinna gorsaatiif du'a; guddinna gowwummaa ufiitiin karaa irraa bada. Ilma kiyya! yoo ollaa keetii wobii taate, waan nama biraatiif yoo ganaa dhooftee waadaa galteef, yoo waan dubbatteen qabamte, dubbii afaan keetii bayeen yoo si qaban, ilma kiyya! uf oolchu'uuf kana godhi; waan ollaa kee jalatti kufteef, gara nama sanii dhaqii miilatti kufi, ollaa kee jabeessii wogi. Uduu kana hin goone hin rafin ija tee hirribni hin qabin; Akkuma kurupheen ka isii dhadhoolu jalaa baatuu, akkuma simbira siiboo ka isii adamsu jalaa baatuutitti uf oolchi. Ati namni hifatu; gara mixi'ii dhaqii karaa isi'ii laali; mala isaa hubadhuu ogeessa ta'i; Ka isa ajaju hin qabu; bulcha'aa fi hoogganaallee hin qabu; Ta'ullee bonaan nyaata ufii kuufata; hennaa haama'aa dhiyana ufii wolitti qabata; Ati namni hifataan! haga yoomii rafta? yoom hirribaa kaata? Diqqoo muga'aa diqqoo rafuun, harka maratanii «Mee diqqoo hara baafadhaa» jechuun; hiyyummaan akka shifta'aatitti, dhabdillee akka nama meeshaa hidhateetitti sitti dhufa. Namni gadheenii fi garjabeessi; ka arraba adaba hin qabne qabatee naannayu; ka ijaan nama dhayu; ka luka raasu, ka quba namatti qabu, Ka garaa ufii keessatti dharaa fi hammeenna dhayu; yoo maraa lola kaasa. Kanaafuu tasa balaan itti bu'a; dimmaa bada; ka isa oolchu hin jiru. Wonti Rabbi jibbu waa jaha; torbeessoo lubbuu ufii keessatti guddisee jibba; Uf jajuu, arraba sobu, harka nama dhiiga nama balleesssaa hin qabnee jissu, ka garaa ufii keessatti dhara dhayu, miila dharaaf ariifatu, Ragaa sobaa ka kijiba irratti kijiba eda'ee ragu, nama obboleewwan wol lolchiisu. Ilma kiyya! ajaja abbeetii kabajji; barumsa haatetiillee hin dhiisin. Hennaa maraa gara'atti qabadhu, mormatti hidhadhu. Yoo deemtu maraa si masakkan, hennaa raftullee si eegan; hennaa dammaxxullee si qaassan. Ajanyi kunniin ibsaa waan ta'aniif barumsi kunillee ifa, gorsa, sirreessa'a, karaa jireennaati; Inni kun dubartii adaba dhabeettii irraa, dubartii arraba laafaa qabdu ta seebartu irraa si eega. Bareeddinna isi'ii garaa kee keessatti hin hawwin; ijji isi'ii si hin booji'in. Dubartii sagaagaltu kutaa buddeenaatiin argatta; sagaagaltuun dhokattee jireenna kee dhadhoolti; Namni ibidda boba'atti qabatee uffanni isaa sirima hin gubanne jiraa? Namni barbadaa irra deemee lutti isaa hin gubanne jiraa? Namni haadha manaa nama biraa bira seenullee akkanuma; ka isii tuqu maruu uduu hin adabamne hin hafu. Hattuun beelayee beela cabsachu'uuf yoo hate namoonni isa hin tuffatan. Yoo ka qabeenna manaa qabu maraa ka gaafatuullee yoo qabame dachaa torba kaffala. Namni seebaru nama waa hin bikkine, ka waan kana godhu maruu uf balleessa; Tumamu'uu fi salphachuun hiree isaati; salphinni sirima isa irraa hin badu. Hinaaffaan lola abbaa worraa waan kakkaasuuf hennaa haluu bayu hin nayuuf. Inni kaffaltii tokkollee hin fudhatu yoma hagamillee baay'ee ta'e kennaan aarii isaa hin qabbaneessu guddisee kenne'eefillee hin araaramu. Ilma kiyya! jecha kiyya eegi; ajaja kiyyallee uf keessatti qabadhu. Ajaja kiyya eegi lubbu'uun jiraattaa; barumsa kiyyallee akka gumaa ija teetiititti eeggadhu. Akka qubee qubaatitti hidhadhu; gabatee garaa keetii keessatti barreeffadhu. Ogumma'aan «Ati obboleettii tiyya» jedhi; hubanna'aanillee «Ati fira kiyya» jedhi. Dubartii seebartu irraa, ta arrabaan nama sobdu ta adaba hin qabne irraallee si eeganii. Foddaa mana kiyyaa keessaan gara raasa'aa laalee; Dargaggeessa hubannaa dhidhu'uu, worra bilchinna hin qabne keessatti arge; ka'imman keessaa isa fooye. Kolba mana isi'ii qabatee karaa mana isi'ii laddaan lufa'aa ture. Galgalaayee hennaa aduun dhiite dukkanti halkanii seena'aa ture, Achiin dubartiin takka isa argu'uuf baate, akka dubartii seebartuutitti uffattee dogoggorsu'uuf hidhatte. Isiin ta sagalee gad hin qabannee fi ta maal naan jedhanii hin beenne lutti isi'ii adabattee mana hin teettu. Hennaa tokko karaa keessa; hennaa tokko bayima keessa, qaxxaammura kara'aa irratti riphxi. Qabdee ufitti as buttee dhungatte, saala malee akkana jetteen, «Mana kiyyatti ciincaa tokkumma'aa dhiyeessuun na irra ture; adha woreega kiyya raawwadhe; Kanaafuu si argu'uuf baye; si soqee ture kunoo si argadhe. Siree kiyya uffata haarrii, biyya Misiriitii dhufe irra afeera. Siree kiyya urgooftuu qumbii, beenso'oo fi qurunfudii itti firfirseera. Koottu haga bariitutti jaalala cima'aan dharraa baanaa, jaalalaan uf gammachiifnaa. Abbaan manaa kiyya mana hin jiru, biyya fagoo deemeera. Inni qarshii korojo'otti guuttatee deemeera; haga jiini goobanutti hin deebi'u.» Isiin jechoota mimmisha'aan dogoggorsiteen; arraba laafa'aan isa sobde. Akka sangaa qalmaaf oofamuu, akka gadamsa haga tiruun isaa woraannamutti siiboo keessa seenuu, Akka simbira barartee siiboo seentuu, mamii malee isii faanaa deeme; kun akka lubbuu isaa dhabsiisa'aaru hin beenne. Ijoollee tiyya! ammallee na caqasaa'a; waan jedha'aaru qalbi'iin na dhagayaa'a; Garaa keessan gara karaa isi'ii hin dabsatinaa'a gara daandii isi'ii ka dogoggoraa hin bayinaa'a; Worri isiin salphiftee kuffifte baay'e'e; worri isiin ajjeefte hagaa fi laakkobsa hin qaban. Manni isi'ii gara asaabaa geessa; karaan isi'ii gara bultii du'aa geessa. Ogummaan nama hin waamtuu? hubannaan hoo sagalee ufii ol qabattee hin dhageessiftuu? Tulloota karaa bira jiranitti hulee karaan itti wol gayu irra dhaabatti. Balballan gara qachatti'ii seensisan bira, seensa balballanii irratti laagaa ol qabattee akkana jettee iyyiti, «Namniin nana! isin waama'aaraa bee ilmaan namaa maraafuu laagaa kiyya ol qabadheeraa, Isin worra bilchinna dhidhu'uu, uf eeggachuu horii godhadhaa'a; isii gowwoonni hubannaa bu'aa godhadhaa'a. Waan faayidaa qabu waan dubbadhu waan qabuuf na caqasaa'a; waan qajeelaa dubbachu'uuf afaan baqaffadha. Afaan kiyya dhugaa dubbata, waan arrabni kiyya hammeenna balfuuf. Dubbiin afaan kiyyaa bayu maruu balcha'a; tokkollee daba'aa fi faalla'aa miti. Worra gad fageessanii hubatanii maruu qajeela'a; worra beekkumsa qabuuf dogoggora uf keessaa hin qaban. Meetii caalaa gorsa kiyya; worqii qulqulluu caalaa beekkumsa kiyya filadhaa'a. «Ogummaan waan diimaa gatii gudda'aa caalaa waan mi'aa taateef; waan hawwitan maraa keessaa tokkollee ka isi'itti qixxaayu hin jiru. Ani ogummaan hubannaa woliin jiraadha; beekkumsinii fi qalbii qabaachuun horii kiyya. Rabbiin sodaachuun hammeenna jibbu'u; anillee uf jaju'uu fi mata jabeenna, amala hama'aa fi qaaqa micciiramaa hin jibba. Gorsinii fi murtiin sirri'ii kiyya; hubannaa qaba, jabeenna qaba. Mootonni anaan mooyan; bulchoonnillee seera sirrii ta'e tumatan. Abboonni murti'ii anaan bulchan; qondaaltonni biyya lafaa bulchan maruu anaan bulchan. Worra na jaalatan hin jaaladha; worri jabaatanii na soqan na argatan. Qabeenninii fi ulfinni qananiin wol irraa hin cinnee fi milkaayinni na bira jiran. Daraaraan kiyya worqii qulqulluu caala; kennaan kiyya worqii qulqullaaye. Ani karaa balchumma'aatiin deema; daandii haqaa irrallee hin imala. Worra na jaalatanii qananii kenna; mana kuusaa meeshaa isaaniillee hin guuta. Rabbi hujii ufii ka duraatiin dura; jalqaba hujii ufii godhatee na fide. Uduu adunyaan hin uumamneen dura, dura bara baraan dura muudame. galaanaan dura, burqaawwan bisaanii uduu hin burqineen dura dhaladhe. Uduu gaarran hin hundoofne, tulluuwwaniin dura dhaladhe. Ardiin yookaan raasaawwan yookaan biyyeen lafaa kamuu uduu hin uumaminiin dura ani dhaladhe. Hennaa samiiwwan diriirse, hennaa galaana irratti daangaa godhe, ani achi ture. Hennaa duumessa gubba'atti jabeesse, hennaa burqaawwan galaanaa hundeesse, Hennaa horatti daangaa godhe, hennaa akka bisaan daangaa hin ceeneef hundeewwan lafaatitti daangaa godhe, hennaa san ani isa biratti ogeessa ijoo ture; hennaa maraa isa afo'otti natti tola'aa, guyyama guyya'aan gammachu'uun guuttama ture. Adunyaa guutuu isaatitti hennaa maraa natti tola'aa, ilmaan namaatitti gammada ture. Eeganaa ijoollee tiyya! na caqasaa'a; worri karaa kiyya eegan worra eebbaati. Gorsa kiyya caqasaa'a; ogeeyyii ta'aa'a; lash itti hin jedhinaa'a. Ka hennaa maraa balbala kiyya irratti eegu; ka guyya guyya'aan balbala kiyya afo'otti eegu; namni na dhagayu nama eebbaati. Ka na argate maruu jireenna waan argatuuf; Rabbiin irraa gaachena fudhata. Garuu ka na dhabe maruu uf miidha; worri na jibbu maruu du'a jaalata. Ogummaan mana ijaaratte; utubaawwan torbaa boccee dhaabatte. Mirgoo qaltee daadhii woyini'iillee naxxee waan nyaataa qopheessite. Garboota ufii ta intalaa ergite, qachaa keessatti hulee gooddaa irra dhaabattee waamte, Isiin, «Worri hubannaa hin qabne maruu garana koottaa'a!» jette, «Koottaa'a, dhiyana kiyya nyaadhaa'a; daadhii woyini'ii kiyya ka naqellee dhugaa'a! Karaa keessan ka gowwumma'aa dhiisaa'a; jireennaan jiraattanii, karaa hubanna'aa irra deddeebi'aa'a. Namni nama baldu gorsu arraba ufitti fida; namni nama hamaa xixu maruu hin salphata. Nama baldu hin xixin si jibbaa; nama ogeessa gorsi si jaalataa. Nama ogeessa barsiisi; caala'atti ogeessa ta'aa; nama qajeelaa barsiisi beekkumsa eda'ataa. Rabbiin sodaachuun ogummaa jalqabaati; woyyicha beekuunillee hubanna'a. Woggaan kee waan naan dheeratuuf; umuriin jireenna keetiillee sii eda'ama. Yoo ogeessa taate bu'aa keetiif; yoo ka uf jajjuullee uf miita. Dubartiin ogummaa hin qabne odeessitu'u; isiin ta adabaa fi beekkumsa hin qabne. Isiin balbala mana ufii afoo shafaxamtee teetti; qachaa keessatti gooba irra teessuma irra teetti. Worra karaa san lufan; worra karaa ufii qabatanii deeman waamti. Isiin worra waa bikkuun jalaa hanqateen, «Isin worri hubannaa hin qabne maruu garana koottaa'a» jetti. Bisaan hannaa hin mi'aaya; buddeenni dhossanii nyaatan namatti tola. Isaan garuu worri du'an akka achi jiran; worri affeeraman gad fageenna xiillaa asaabaa keessa akka jiran hin beekan. Mammaakkan Solomoonii; ilmi ogeessi abbaa ufii gammachiisa; ilmi gowwaan garuu haadha gaddisiisa. Qabeenni karaa malee argame hin fayyadu; balchummaan garuu du'a nama oolcha. Rabbi balchaa akka beelayu hin taasisu; hawwii hammeeyyi'ii garuu hin gachisiisa. Harki amshaaggu nama hiyyoomsa; harki cimaan garuu durummaa fida. Harki bonaan midhaan wolitti qabatu ka ilma ogeessaati; ka hennaa midhaan galfatan ciisu garuu salphinnatu faana deema. Eebbi mataa balchootaa irra; balaan garuu afaan hammeeyyi'ii cufa. Yaadannoon balchootaa eebba; maqaan worra hammeeyyi'ii garuu akkuma badetti hafa. Namni gara'aan ogeessaa ajaja fudhata; gowwaan oduu guddisu garuu gara badi'ii deema. Namni haqaa sodaa malee deema; ka karaa micciiramaa irra deemu garuu hin saaxilama. Namni ija hammeennaatiin nama dhayu gadda fida; gowwaan oduu guddisu gara badi'ii deema. Arrabni balcha'aa burqaa jireennaati; balaan garuu afaan hammeeyyi'ii cufa. Jibbi lola kakkaasa; jaalalti garuu dogoggora maraa dhossiti. Ogummaan afaan nama waa hubatuu keessatti argamti; uleen garuu dudda nama madaalliin isaa dhidhu'uutiif. Ogeeyyiin beekkumsa kuufatan; afaan gowwa'aa garuu badii waama. Qabeenni dureeyyi'ii isaaniif akka qachaa dallaya dhaga'aati; hiyyummaan garuu badii hiyyeeyyi'iiti. Mindaan balchootaa jireenna argamsiifti; bu'aan hammeeyyi'ii garuu adabbii isaanitti fiddi. Namni dammaqee gorsa eeggatu karaa jireennaa mudhisa; ka sirreeffama hin fudhanne garuu kaawwan gara dogoggoraa oofa. Ka jibba dhoffatu nama arraba sobaa qabu; ka hama facaasu maruu gowwa'a. Dubbii hedduu keessa cubbuun hin dhabamu; ka afaan ufii eeggatu garuu ogeessa. Afaan balcha'aa akka meettii baffameeti; yaanni nama hama'aa garuu gatii hin qabu. Arrabni balchootaa namniin hedduu ijaara; gowwoonni garuu dhidhinna waa bikkuu dhabu'uutiin du'an. Eebbi Rabbii durummaa fiddi; inni rakkinna isi'itti hin eda'u. Namni gowwaan hujii hama'atti gammada; namni hubataan garuu ogumma'atti gammada. Nama hamaa waan sodaatetu irra gaya; balchaa waan inni hawwetu raawwatamaaf. Yoo haboonbolattiin ka'u hammeeyyiin haxaayamanii fudhataman; balchoonni garuu bara baraan jabaatanii jiraatan. Akkuma dhangaggaayaan ilkaan, aarri ija miidhu, amshaaggaanillee ka isa erguuf akkasuma. Rabbiin sodaachuun umurii namaa dheeressa; umuriin hammeeyyi'ii garuu gabaabamatti citti. Abdiin balchootaa gammachu'u; abdiin hammeeyyi'ii garuu duwwaa ta'ee hafa. Karaan Rabbii balchootaa irkoo; worra hamaa hojjataniif garuu badi'i. Balchoonni sirima hin buqqa'an; hammeeyyiin garuu lafa irra hin jiraatan. Arrabni balchootaa ogummaa burqisiisa; arrabni micciiramaan garuu hin murama. Arrabni worra balcha'aa waan ta'u beeka. afaan worra hammeeyyi'ii garuu micciirama callaa beeka. Rabbi madaala sobaa hin jibba; safartuun sirri'ii garuu isa gammachiisa. Uf jajuun yoo dhuftu salphinnillee duukaa deemti; ogummaan garuu nama kasoo biratti argamti. Qajeellota sirrii ta'uun isaanii isaan masakkiti; worri sobu garuu soba ufiitiin badan. Guyyaa dheekkamsaa qabeenni faayidaa hin qabu; balchummaan garuu du'a oolchiti. Namoota mudaa hin qabne balchummaan isaanii karaa isaanii qajeelchiti; hammeeyyiin garuu hammeenna ufiitiin kufan. Qajeellota balchummaa isaaniititu isaan oolcha; worri sobu garuu hawwuu hammeenna ufiitiin badan. Namni hamaan yoo du'u abdiin isaa duwwaa taati; ka hunna isaa hedatu maruu akka hin jirree ta'a. Balchaan rakkoo jalaa oola; rakkoon caala'atti hamaa irra gaya. Namni hamaan hiriyyaa ufii afaanuma ufiitiin balleessa; balchoonni garuu beekkumsaan jalaa bayan. Balchootaa yoo tolu qacha'atu gammada; hammeeyyiin yoo badan hin ililfatama. Eebba balchootaatiin qachaan ol guddatti; arraba hammeeyyi'iitiin garuu hin baddi. Namni madaala dhidhu'uu hiriyyaa ufii diqqeessa, namni hubatu garuu arraba ufii tooyata. Namni hamatu dhossaa hin eegu; amanamaan garuu dhossaa eega. Dhidhinna masakku'uutiin mootummaan hin kufa; baay'inna worra gorsuutiin garuu mootee mirkaneeffata. Namni nama hin beennee wobii ta'u rakko'otu isa irra gaya; nama wobii ta'u'uuf harka hin dhoofne garuu womaa irra hin gayan. Dubartiin garaa laaftu ulfinna argatti; worri hunnaan namatti ka'an garuu durummaa callaa argatan. Namni mishaan uf fayyada; garjabeessi garuu rakkoo ufitti fida. Nama hamaa hujiin isaa bu'aa hin qabu; ka balchummaa facaasu garuu gatii amansiisaa argata. Balchaan dhuga'aa jireenna argata; ka hammeenna duukaa bu'u garuu gara du'a ufii deema. Rabbi worra onnee micciirama'aa hin jibba; namoota karaa ufiititti mudaa hin qabnetti garuu hin gammada. Hamaan uduu hin adabamne akka hin hafne beeki; balchoonni garuu nagayaan jiraatan. Akkuma qubee worqi'ii ka funyaan booyye'eetitti godhaniititti; dubartiin bareeddu ta hubannaa hin qabnellee akkasuma. Hawwiin worra balcha'aa hennaa maraa dhumti isaa bareeda'a; abdiin hammeeyyi'ii garuu lolaan dhumata. Tokko arjumma'aan kenna; kennullee caalaa argata; kuun hagaa ol dodhooma; garuu hin hiyyooma. Ka kennu hin durooma; ka kaawwan dheebuu baasu ufii dheebuu baya. Banii dhossa'atti midhaan kuusu hin abaara; ka baasee gurguru garuu eebba argata. Ka waan mishaa jabaatee barbaadu waan misha'atu isa eeggata; ka waan hamaa barbaadu garuu hama'atu isa argata. Ka qabeenna ufii hedatu maruu hin kufa; worri balchaan garuu akka baala magariisaatitti lalisan. Namni maatii ufii jeequ qilleensa dhaala; namni gowwaan garuu ogeessaa garbicha ta'a. Daraaraan balcha'aa muka jireennaati; namni barsiisee lubbuu namaa deebisu ogeessa. Worri balchaan hujii lafa irratti hojjataniif gatii harka ufii ka argatan yoo ta'e, ka worra hammeeyyi'iitii fi ka worra cubbamtootaa hagam caalinna laata? Namni gorsa jaalatu beekkumsa jaalata; ka sirraayuu jibbu garuu dooma'a. Namni mishaan Rabbiin biraa gaachena argata; dharticha garuu Rabbi itti murteessa. Namni hammeenna irratti hundaayee jabaachuu hin danda'u; balchoonni garuu hulee ufiitii hin socho'an. Dubartiin michuun abbaa manaa ufiitiif gaachena; haati manaa salphiftuun garuu akka dhukkuba lafee nyaatuuti. Yaanni balchootaa qajeela'a; gorsi hammeeyyi'ii garuu dhara uf keessaa qaba. Jechi hammeeyyi'ii dhiiga dhangalaasisiisa; dubbiin balchootaa garuu isaan oolcha. Hammeeyyiin gara galan; sirimaa badan; manni balchootaa garuu jabaatee dhaabata. Namni ogummaa ufiitiin galatoonfama; worri onnee micciiramaa qaban garuu tuffatamtoota. Nama waan nyaatu hin qabne ka uf jaju irra; nama gad uf qabee hojjata'aa nyaata argatu woyya. Namni balchaan hori'ii garaa laafa; hammeeyyiin garaa laafan uduu jedhamelle'ee naannayee hujiin isaanii garuu garjabeenna. Namni lafa ufii qotu nyaata irraa hafaa argata; namni abdii duwwaa ari'u garuu waa wol bira qabu'utu hanqataan. Cubbamtoonni boojuu hammeeyyi'ii hawwan; hiddi balcha'aa garuu hin babadhata. Namni hamaan jechuma hamaa ufiitiin qabama; namni balchaan garuu rakkoo jalaa baya. Namni sababaa afaan ufiitiif waan misha'aan guuttama; akkuma hujii harka ufiitiin gatii ta'uuf argata. Nama gowwaa karaan isaa sirrii itti fakkaata; namni ogeessi garuu gorsa dhagaya. Nama gowwaa aariin isaa yoosuu itti beekkama; namni hubatu garuu arraba tuffatee dhiisa. Namni dhuga'aa dhugaa raga; ragaan sobaa garuu soba dubbata. Dubbiin akka malee dubbatamu akka guraade'ee nama woraana; arrabni ogeessaa garuu hin fayyisa. Arranbi dhugaa dubbatu baraa haga bara baraa jiraata; arrabni sobaa garuu hennamaaf. Garaa namoota dhara dhayuu keessa sobatu jira; worri nagaya adeemsisan garuu gammachuu qaban. Balchoota miidhaan isaan hin argatu; hammeeyyiin garuu worra rakko'oon guuttame. Rabbi arraba sobaa hin jibba; namoota dhuga'aatitti garuu hin gammada. Namni hubataan beekkumsa dhoffatan; garaan gowwa'aa garuu wollaala odeessa. Namni jabaatee hojjatu bulchaa ta'a; dhumti ceem'aalessaa garuu hujii garbumma'aati. Garaan nama shukuluu gaddaan duudhatama; jechi mishaan garuu hin gammachiisaan. Namni balchaan jaalalloo ufiitii gorsa mishaa kenna; karaan hammeeyyi'ii garuu gara dogoggoraa isaan qajeelcha. Namni amshaaggaan kama dhadhoolee fidee woddee in nyaatu; ka jabaatee hojjatu garuu qabeenni isaa gatii guddaa qaba. Karaa balchumma'aa irra jireennatu jira; karaa san irra garuu duuti hin jirtu. Ilmi ogeessi gorsa abbaa ufii hubanna'aan dhagaya; ilmi baldu garuu gorsa hin dhagayu. Namoonni daraaraa afaan ufiitiin waan mishaa argatan; worri sobu garuu diddaa hawwan. Namni arraba ufii eeggatu jireenna ufii eeggata. akkuma afaanitti dhufeen ka dubbatu garuu hin bada. Namni amshaaggu jabeessee hawwa; womaa hin argatu; worri jabaatanii hojjatan garuu dheebuu bayan. Balchaan soba jibba; namni hamaan garuu saalaa fi salphinna fida. Balchummaan nama qajeelaa hin eeddi; hammeenni garuu cubbamaa hin gattiin. Uduu womaa hin qabne nama dureessa fakkaatutu jira; ka biraa hiyyeessa fakkaata garuu dureessa. Namaa qabeenni jireenna isaatiif furtuu ta'uu danda'a; hiyyeessi garuu sodaa hin qabu. Ifti balchootaa guddisee ifa; ifti hammeeyyi'ii garuu hin dhaama. Uf jajuun loluma callaa babadhisa; ogummaan garuu worra gorsa fudhatu biratti argamti. Horiin gara male'een argame qadhata'aa dhumata; ka horii suutaan wolitti qabatuu garuu hin kuufamaaf. Abdiin boruuf jedhamu garaa nama dhukkubsa; hawwiin guutte garuu muka jireennaati. Ka gorsa salphisu badii ufitti fida; ka ajaja kabajju garuu gatii argata. Barumsi ogeessaa burqaa jireennaati; nama akka siiboo du'aatiin hin qabamne taasifti. Hubannaan mishaan gaachena namaa argamsiifti; karaan worra gantootaa garuu rakkiftu'u. Namni ogeessi hujii ufii beekkumsaan raawwata; gowwaan garuu gowwummaa ufii ibsa. Ergamaan hamaan rakkoo keessa seena; ergamaan amanamaan garuu fayyinna fida. Ka gorsa tuffatu gara hiyyumma'aa fi gara salphinnaa deema; garuu ka sirreeffama fudhatu maruu hin kabajjama. Hawwiin yoo raawwatamte lubbuu gammachiifti; gowwoonni garuu hammeenna irraa fagaachuu tuffatan. Ka ogeessa woliin deemu ogeessa ta'a; ka hiriyyaa gowwootaa garuu miidha'atu irra gaya. Hireen badduun cubbamaa faanaa deemti; durummaan garuu gatii balchootaati. Namni mishaan ijoollee ijoollee ufiitii dhaala dhiisee lufa; qabeenni cubbamtootaa garuu balchootaa wolitti qabama. Maasaan hiyyeeyyi'ii callaa irraa hafaa argamsiisa; dabdi haqaa garuu wolitti haxaayee fudhata. Namni finna ufii harcumme'een adabuun garaa nyaatu finna ufii jibba; ka jaalatu garuu uf eegganna'aan adaba. Balchaan haga quufutti nyaata; garaan hammeeyyi'ii garuu akkuma beelayetti jiraata. Dubartiin ogeettiin mana ufii ijaaratti; gowwittiin garuu harka ufiitiin diiddi. Namni jireenni isaa qajeelaa ta'e Rabbiin sodaata; ka karaan isaa micciiramaa ta'e garuu isa tuffata. Dubbiin nama gowwa'aa dudda isaatitti ulee fiddi; arrabni ogeessaa garuu isa eeddi. Bakka sangoonni hin jirretti gongaan duwwaa ta'a; bakka midhaan hin jirretti gongaa keessallee wonti kaayan hin jiru. Ragaan amanamaan hin sobu; ragaan sobaan garuu kijiba odeessa. Ka baldu ogummaa barbaada; garuu hin argatuun; beekkumsi garuu worra hubatuuf salphamatti argamti. Nama gowwaa irraa fagaadhu; arraba isaa keessaa waan beekkumsa hin arganneef. Ogummaan worra hubatuu karaa ufii hubatu'u; gowwummaan worra gowwa'aa garuu sobu'u. Gowwoonni gatii yakkaa ka dhiyeessanitti baldan; qajeellota jiddu'utti garuu fedha misha'atu argama. Garaan maruu gadda hadhaayaa ufii hin beeka; eennullee ka gammachuu isaa irraa qoodamu hin jiru. Manni hammeeyyi'ii hin diiggama; daaseen qajeellotaa garuu hin babadhata. Karaan namaaf qajeelaa fakkaatu hin jira; dhumti garuu gara du'aa geessa. Hennama kolfaatuu onneen hin gadda; gammachuunillee gaddaan raawwatamuu danda'a. Worri garaa ufii balchummaa irraa deebifatan; gatii harka ufii guutuu argatan; namni mishaanillee gatii ufii hin argata. Namni gowwaan maraa amana; hubataan garuu hubatee deema. Namni ogeessi uf eeggata; hammeenna irraallee hin fagaata; gowwaan garuu jarjara'aa fi ka hajaa hin qabne. Namni mufatu hujii gowwa'aa raawwata; namni dhartichi hin jaalatamu. Worri bilchinna hin qabne gowwummaa dhaalan; worri hubatu garuu beekkumsa akka gullo'ootitti godhatan. Hammeeyyiin worra mishaa afo'otti; cubbamtoonni balbala balchootaatitti gad jedhan. Hiyyeeyyii goshommaan isaaniituu isaan jibban; dureeyyiin garuu jaalalloo heddu qaban. Namni ollaa ufii tuffatu cubbuu huja; namni worra rakkatanii garaa laafu garuu ka eebbaati. Worri waan hamaa karoorsan worra karaa kolbaa irraa bayanii mii? worri waan mishaa karoorfatan garuu jaalalaa fi amanamummaa bu'aa buufatan. Wonti xaaranii hojjatan maruu bu'aa argamsiisa; oduun duwwaan garuu gara hiyyumma'aa nama geessa. Ogeeyyi'ii durummaan gulloo ulfinnaati; gowwummaan gowwootaa garuu daraaraan isaanii duwwa'a. Ragaan dhuga'aa lubbuu oolcha; ragaan sobaa garuu dharuma. Namni Rabbiin sodaatu golga jabaa qaba; ijoolleen isaaniillee waan itti irkatan qaban. Rabbiin sodaachuun burqaa jireennaati; nama siiboo du'aa jalaa oolcha. Baay'inni bani'ii yoo mooti'ii ulfinna ta'u; diqqaachuun bani'ii ka bulchuu badi'i. Namni obsu hubannaa guddaa qaba; namni biibbayu garuu gowwummaa ufii ibsa. Garaan nagaya qabu nafaa jireenna kenna; hinaaffaan garuu lafee xiinxaneessa. Ka hiyyeeyyii rakkisu uumaa ufii tuffata; garuu ka rakkate maraa ka garaa laafu maruu Waaqa kabajja. Hammeeyyiin hammeenna ufiitiin kufan; balchoonni garuu hennama du'aatuu irkoo qaban. Ogummaan garaa namoota waa hubatanii keessa bulti; worra gowwaa jiddu'utti uf mudhifti. Balchummaan banii ol guddifti; cubbuun garuu banii kamiifuu salphinna. Hojjataan ogeessi mootii gammachiisa; hojjataan salphisaan garuu lola ufitti fida. Deebiin laafaan lola qabbaneessa; jechi badaan garuu lola kaasa. Arrabni ogeessaa beekkumsa faarsa; arrabni gowwootaa garuu gowwummaa burqisiisa. Ijji Rabbii hulee maraa jirti; hammeeyyi'ii fi mimmishaallee daguu malee laalti. Arrabni dubbii nama jajjabeessu dubbatu muka jireennaati; arrabni sobu garuu yaada namaa cabsa. Gowwaan gorsa abba'aa tuffata; ka sirreeffama fudhatu garuu hubataa ta'uu mudhisa. Manni balchootaa ka qabeenna hedduun guuttame; galiin hammeeyyi'ii garuu rakkinna isaanitti fiddi. Afaan ogeeyyi'ii beekkumsa babadhifti; garaan gowwootaa garuu akkanaa miti. Rabbi ciincaa hammeeyyi'ii hin jibba; kadhaan qajeellotaa garuu isa gammachiisa. Rabbi karaa hammeeyyi'ii hin jibba; worra balchummaa faanaa deeman garuu hin jaalata. Nama karaa irraa dabu adabbii cima'atu isa eeggata; ka sirreeffama jibbu hin du'a. Asaabninii fi adunyaan du'aa Rabbiin afo'otti ka ifa baye; garaan namaa isa afo'otti hagam beekkaminna! Namni baldu sirreeffama jibba; ogeeyyiillee hin mari'achiisu. Garaan gammade fuula namaa ibsa; gaddi gara'aa garuu yaada namaa cabsa. Garaan hubataan beekkumsa barbaada; afaan gowwa'aa garuu gowwummaa alansha. Namoonni gad qabaman barri isaanii maruu hammaata'a; garaan gammachu'uun guuttame garuu ayyaana qaba. Wonti diqqoon sodaa Rabbiitiin argatan; qabeenna guddaa jeequmsa qabu caalti. Bakka jaalalli jirutti shaanaa nyaachuun, bakka jibbansi jirutti cooma nyaachuu caala. Namni biibbayu lola kakkaasa; namni obsu garuu lola qabbaneessa. Karaan nama amshaagga'aa ka qore'een cufame; karaan qajeellotaa garuu karaa araataa ka haxaayame. Ilmi ogeessi abbaa ufii gammachiisa; ilmi gowwaan garuu haadha ufii tuffata. Nama waa wol bira qabuun hanqatuun gowwumma'atu gammachiisa; namni hubataan garuu karaa qajeelaa deema. Gorsi hanqate karoora faalleessa; gorsitoota hedduun garuu hin milkaaya. Namni deebii ta'u kennu'uun gammachuu argata; deebiin henna'aan kenname akkam misha'a! Akka gara asaabaa gad hin buune; nama ogeessa gara karaa jireennaa masakkiti. Rabbi mana nama uf jajuu hin diiga; daangaa haadha hiyyeessaa garuu akka hin uggamne eega. Rabbi yaada nama hama'aa hin jibba; yaanni qulqullootaa garuu isa gammachiisa. Namni dondhi mana maatii ufiititti rakkoo fida; ka gabbarsuu jibbu garuu lubbu'uun jiraata. Garaan nama balcha'aa deebii deebisu wol bira qaba; afaan nama hama'aa garuu hammeenna lolaasa. Rabbi hammeeyyii irraa fago'o; kadhaa balchootaa garuu hin dhagaya. Fuulli ifu garaa namaa gammachiisa; oduun mishaanillee lafee akka lalisu taasisa. Ka gorsa jireenna kennu dhageeffatu ogeeyyii jidduu jiraata. Namni gorsa tuffatu uf tuffata; ka sirreeffama fudhatu garuu hubannaa argata. Rabbiin sodaachuun ogummaa barachu'u; kasoomuun ulfinna dursiti. Karoorri gara'aa ka namaati; ka deebii kennu garuu Rabbi. Namaaf karaan maruu qulqulluu fakkaata; ka'umsa yaadaa garuu Rabbitu madaala. Waan gootu maraa Rabbitti yaboo kenni; karoorri kee maruu sii milkaayaa. Rabbi waa maraa kaayoo ufiitiif hojjateera; hammeeyyimaa guyyaa badi'iitiif qopheesseera. Rabbi worra gara'aan boonan maraa hin ceem'a; akka isaan adabbii malee hin hafne beeki. Jaalalaa fi amanamumma'aan cubbuun dhiifama; namni Rabbiin sodaachu'uun hamaa irraa fagaata. Adeemsi namaa yoo Rabbiin gammachiise; diintota isaatuu akka isa woliin nagayaan jiraatan taasisa. Wonti diqqoon balchummaa woliinii; bu'aa guddaa dabaan argamu caala. Namni garaa ufiititti keessatti karoora baafata; Rabbi garuu karoora isaa san hin murteessaaf. Arrabni mooti'ii akka Waaqaa dubbata; afaan isaa haqa hin dabsu. Madaalli dhuga'aatii fi bikkituun haqaa ka Rabbiiti; safartuun qaraciitii keessaa maruu hujii harka isaati. Waan hamaa hojjachuun moototaa ceem'a'a; waan teessoon qajeellumma'aan jabaatee dhaabatuuf. Mootonni arraba amanama'atti gammadan; nama dhugaa dubbatu hin jaalatan. Lolli mooti'ii akka ergamaa du'aati; namni ogeessi garuu lola isaa qabbaneessa. Fuulli mooti'ii yoo ifu jireennatu jira; mishummaan isaa akka duumessa rooba badheessaati. Worqii caalaa ogummaa argachuun; meetii caalaa hubannaa filatuun akkam caala! Karaan qajeellotaa ka hammeenna irraa fagaate; ka deemsa ufii eeggatu jireenna ufii eeggata. Uf jajuun badii, kooruun kufaatii firrifti. Hafuura gad uf qabu'uutiin worra gad qabaman woliin ta'uun; worra boonu woliin boojuu qoodamuu caala. Namni gora dhagayu hin lalisa; namni Rabbiin abdatu eebbifama'a. Worri gara'aan ogeeyyii ta'an hubattoota jedhaman; jechoonni nama gammachiisan beekkumsa gabbisan. Nama ogummaa horii ufii godhatee burqaa jireennaati; gowwummaan garuu gowwootatti adabbii fiddi. Garaan nama ogeessaa arraba isaa qajeelcha; arrabni isaa beekkumsa gabbisa. Dubbiin nama gammachiisu akka nadhii dammaati; lubbu'uu mi'a'a; lafe'eefillee fayya'a. Karaan namatti qajeelaa fakkaatu jira; dhumti isaa garuu gara du'aa geessa. Hojjattoota fedhiin nyaataa guyya'atti akka jabaatee hojjatu taasisa; beellillee irraa bada. Namni hamaan hamtuu dhaya; dubbiin isaallee akka ibidda nama gubuuti. Namni dabaan lola facaasa; hamattichi jaalalloota wolitti dhiyaatan gara gara baasa. Namni hamaan hiriyyaa ufii hawata; gara karaa mishaa hin taanee qajeelchaan. Namni ijaan nama dhawu micciirama dhaya; namni hidhii ciniinnatu gara dharaa daba. Arriin gulloo ulfinnaati; jireenna balchumma'aatiin argama. Namni obsu loltuu'u, ka si'a ufii ittisu ka qachaa hunnaan qabee bulchu caala. Fedha Rabbii beeku'uuf hixaa buufatan; murtii maraa ka kennu garuu Rabbi. Mana lolli jirutti affeerraa dhiyeessan irra; nagayaa fi tasgabbii keessatti buddeena goggogaa woyya. Hojjataan ogeessi ilma salphataa irratti baallii qabaata; obboleewwan ufii ta dhaala qoodamtu woliin dhaala qoodama. Wonti bassaniin meeti'iif; ibiddi worqi'iif; Rabbi garuu garaa namaa qora. Namni hamaan dubbii hamaa caqasa; sobdichi dubbii afaan dhartichaa kolbatti dhagaya. Worri hiyyeeyyi'itti baldan uumaa ufii tuffatan; ka rakkoo nama biraatitti gammadu adabbii jalaa hin bayu. Ilmaan ilmaanii manguddootaa gulloo ulfinnaati; maatiinillee ijoollee ufiitii abdi'i. Dubbiin mishaan gowwa'atti hin tolu; keessattuu ka bulchutti arrabni sobaan hagam hamaa ta'a! Ka waa kennu'uuf deemu ka kennuuf sanii akka meeshaa tolchaa ka ziiri'iiti; hulee dhaqe marattuu waan milkaayu itti fakkaata. Namni yakka dhossu jaalala gabbisa; ka dubbii irra deddeebi'u garuu jaalalloo gara'aa adda fooya. Hennaa dhibba dhaanuun haga gowwa'atti dhagayamu caalaa; xixuun nama hubatu keessa seenee itti dhagayama. Namni hamaan diddaa callaa barbaada; ergamaa garaa jabaatutu isatti ergama. Nama gowwaa gowwummaa isaatiin wol gayuu irra, doobbaa ilmooleen isi'ii jalaa fudhatamteen wolitti bayuu woyya. Namni bikka waan misha'aa waan hamaa deebisu; wonti hamtuun mana isaatii hin fagaatu. Lola kaasuun akka bisaan cufame diigu'uuti; kanaafuu uduu lolli hin kaane dubbii irraa fagaadhu. Yakkamaa qulqulluu taasisuu ta'ee'e qulqulluu yakkamaa taasisuun; lachuu Rabbiin afo'otti ceem'isiisa'a. Ogummaa argachu'uuf waan fedha hin qabneef horiin gowwaa harka gale faayidaa maal qaba? Jaalalloon hennaa maraa jaalalloma; obboleessillee guyyaa hammeennaatiif dhalata. Namni hubannaan hanqatuuf waadaa galu'uun harka dhaya; jaalalloo ufiitiifillee wobii ta'a. Namni lola jaalatu cubbuu jaalata; namni boonu badii ufitti fida. Namni garaa micciiramaa qabu hin milkaayu; namni nama sobullee rakkoo irratti kufa; Ilma gowwaa uumachuun gadda fida; abbaan gowwa'aa gammachuu hin qabu. Garaan gammadu qorsa misha'a; yaanni cabaan garuu lafee gossa. Namni hamaan haqa dabsu'uuf dhossa'aan gabbarsuu fudhata. Namni hubatu ogummaa uf afo'oo hin dhabamsiisu; ijji gowwootaa garuu haga daangaa lafaa raantofti. Ilmi gowwaan abbaa ufiititti gadda fida; ta isa deettettillee mararoo ta'a. Nama qulqulluu adabuun waan ta'uu miti; worra muudaman qajeellummaa isaaniitiif isaan dhaanuun misha'aa miti. Namni beekaan dubbii qusata; hubataa yaanni isaa itita'a. Namni waa hin beenne yoo cadhise ogeessa; yoo afaan ufii adabellee hubataa fakkaata. Namni jaalalloo ta'uu hin barbaanne fedha ufii callaa hordofa; murtii qajeelaa maraa hin morma. Gowwaan hubannaa irraa dheebuu hin bayu; garuu yaada ufii ibsachu'utti gammada. Hammeenni yoo dhufu tuffiin duukaa deema; saalfachuu woliin salphinni dhufa. Jechoonni afaan namaatii bayan akka bisaan gad fago'ooti; burqaan ogumma'aa akka bisaan fincaaya'aati. Nama hama'aa dalamuun, qulqulluullee haqa dhooggachuun waan ta'uu miti. Arrabni gowwa'aa lola itti fida; afaan isaallee dhaanamu'uun isa gaya. Gowwaa arraba isaatitu isa balleessa; waan afaan isaa dubbateen qabama. Dubbiin ka nama hamatuu akka midhaan mi'aayuuti; lufee keessa namaa gad seena. Namni hujii ufiititti hajaa hin qabne, obboleessa ka waa balleessuuti. Maqaan Rabbii akka gamoo jaba'aati; balchaan gara isaa fiigee itti daadayata. Qabeenni dureeyyi'iif akka qachaa kushee itti ijaaraniiti; isaan akka gamoo dheeraa irra bayuu hin dandeenneetitti laalan. Namni uduu hin kufneen dura uf keessa boona; kasummaan garuu ulfinna dursiti. Uduu hin caqasiniin dura ka deebii deebisu gowwumma'aa fi salphinna isatti ta'a. Nama hennaa dhibe'ee yaanni hin irkisa; yaada cabe garuu eentu baadhatuu danda'a? Garaan nama hubata'aa beekkumsa bitata; gurri ogeessaallee jabaatee barbaada. Waa kennuun ka waa kennuu karaa banti; namoota gugurdaa afoollee isa dhiyeessiti. Ka dura dhufee hajaa ufii himatu; waan dhugaa qabu fakkaata; kun haga ka himatu dhufee qoratuuf calla'a. Hixaa buusuun mormii qabbaneessa; jajjabaa wol himatanillee adda dhoogga. Obboleessa gufatu deebisuun qachaa marsaa qabu caalaa namatti jabaata; lolli isaallee akka cufanaa gamoo jaba'aati. Namni daraaraa afaan ufiitiin garaa guuttata; oomisha arraba ufiitiin dheebuu baya. Arrabni hunna du'aa fi jireennaa qabdi; worri isii jaalatullee daraaraa isi'ii nyaatan. Namni haadha manaa michuu argate eebba argate; Rabbiin biraallee gaachena argata. Hiyyeessi shelachu'uun araara kadhata; dureessi garuu maal na godhani'iin deebisa. Namni jaalalloo baay'isu badi'iif uf saaxila; garuu jaalalloon obboleessa caalullee hin jira. Dureessa gowwaa dubbii micciiramaa dubbatu irra; hiyyeessa mudaa malee jiraatu woyya. Beekkumsa uduu hin qabaatin hawwa callaa qabaachuun misha'aa miti; jarjaruun karaa nama dogoggorsa. Namni gowwummaa ufiitiin jiruu ufii balleessa; garaa ufii keessatti garuu Rabbitti mararama. Qabeenni jaalalloo heddu argamsiifti; hiyyeessa garuu jaalalloon isaatuu irraa siiqa. Ragaan sobaa adabbii jalaa hin bayu; ka kijiba odeessullee adabamuu hin hafu. Namoonni hedduu gaachena argachu'uuf bulchaa afo'otti biriifatan; nama kennaa namaa kennuu maruu jaalallo'o. Hiyyeessi fira ufii ka foonii maraa birattuu jibbama'a; eeganaa jaalalloon isaa hagam isa dheessan! faanaa deema'aa yoo isaan shelatellee sirima isaan hin argatu. Namni ogummaa horii ufii godhatu lubbuu ufii jaalata; ka hubannaa jaalatu hin milkaaya. Ragaan sobaa adabbii jalaa hin bayu; ka kijiba odeessullee hin bada. Gowwaan qanani'ee jiraachuun isaa hin ta'u; garbichi bulchaa abboota murti'ii yoo ta'e hagam mufachiisa! Ogummaan obsaa nama taasifti; yakka tuffatee dhiisuun kabajjaa isaati. Lolli mooti'ii akka leenca aaduuti; isa afo'otti gaachena argachuun akka fixeensa baala irraati. Ilmi gowwaan abba'aa badi'i; haati manaa nyakkiftuun akka xoxa adda hin cinneeti. Manaa fi qabeenna abboota irraa dhaalan; haati namaa ta qalbii qabdu garuu Rabbiin biraa argamti. Amshaagguun hirriba guddaa namatti buusa; namni hujii hin jaalanne hin beelaya. Namni ajaja kabajju jireenna ufii eega; namni karaa Rabbii tuffatu garuu hin du'a. Namni hiyyeessaa waa kenne akka waan Rabbii liqeesseeti; waan mishaa inni godhe san Rabbi hin deebisaaf. Ijoolleen waan deebi'uu danda'aniif, uduu ijoollumma'aan jiran isaan adabi. Nama biibbayu akka gatii mufi'ii argatu dhiisi; yoo rakkoo isaa keessaa isa baasu'uuf badadde; hennaa biraallee inni akkasuma godha. Gorsa dhagayi; qajeelcha fudhadhu; maayessa ogeessa taataa. Garaa namaa keessa yaada heddutu jira; ka raawwatamu garuu yaada Rabbiiti. Namni jaalala jabduu hawwa; kijibaa ta'uu irra hiyyeessa ta'uu woyya. Rabbiin sodaachuun gara jireennaa nama geessa; namni akkanaa hashu jedhee hara baafata; rakkoonillee isa hin argatu. Amshaaggaan harka ufii qorii keessa kaaya; garuma afaaniituu fiduu hin dadhaba. Ka baldu dhaani; ka bilchinna hin qabnellee hubannaa barataa; nama hubatu xixi beekkumsa bitataa. Ka abbaa ufii saamu, ka haadha ufiillee ari'u ilma saalaa fi salphinnaati. Ilma kiyya! haga gorfamteen maayessa beekkumsa irraa hin gorin. Namni soba ragu haqatti balda; afaan worra hammeeyyi'ii yakka liqimsa. Nama balduu adabbiin; dudda gowwootaatii shabbeenni qophaayeera. Daadhiin woyini'ii nama baldu; dhuddoon jabaan nama lolaa nama taasisa; worri kanaan dogoggore maruu ogeeyyi'ii miti. Lolli mooti'ii akka leenca aaduuti; namni isa aarsu jireenna ufii rakkinnatti galcha. Lola irraa fagaachuun namaaf ulfinna; garuu gowwaan maruu lolaaf jarjara. Namni amshaaggu yero'oon hin qotatu; kanaafuu hennaa midhaan galfatan inni womaa hin argatu. Yaanni garaa namaa akka bisaan qilee keessaati; nama hubatu calla'atu achi keessaa woraabee baasa. Namni hedduu akka waan jaalala jabaa qabuu dubbata; nama amanamaa garuu eentu argachuu danda'a? Balchaan jireenna mudaa hin qabne jiraata; ijoolleen isaa ka isaan maayessa dhufanillee eebbifamtoota. Mootiin hennaa murti'iif teessoo ufii irra taa'u; ija ufiitiin hammeenna maraa filee adda baasa. Sirima eennutu «Garaa kiyya qulqullinnaan eegeera; ani qulqullu'u; cubbuun na irra hin jiru» jedha? Madaala bifa lamaa; safartuu bifa lamaa; lamaanuu Rabbi hin ceem'a. Daa'imninuu waan godhuun qulqullu'uu fi qajeelaa ta'uu beekkama. Gurra dhagayu; ija argu; lamaanuu Rabbitu isaan hojjate. Hirriba hin jaalatin; ta'uu baannaan hin hiyyoomtaa; ija banadhu nyaata irraa hafaa qabaattaa. Namni meeshaa bitu «Hin dabalu, hin dabalu» jedha'aa busheessa; yoo galu garuu akka itti biteen boona. Worqiin hin jira; wonti gatii gudda'aa diimaan guuteera; arrabni beekkumsaan dubbatu garuu faaya hin argamne. Nama nama hin beennee wobii ta'e uffata isaa irraa mulqi; nama dubartii yaantare'ee wobii ta'e jecha isaatiin isa qabi. Nama nyaanni inni sobaan argate itti mi'aaya; dhuma irratti garuu akka hargiisaa itti ta'a. Gorsa gaafadhuu karoora baasi; yoo ka lolaaf duultu ta'e qajeelfama fudhadhu. Namni nama hamatu dhossaa baasa; kanaafuu nama oduu guddisu uf irraa fageessi. Namni abba'aa fi haadha ufii arrabsu ifni isaa dukkana jaamii keessatti dhaama. Qabeenni jalqaba irratti dafee dhufu; dhuma irratti eebba hin qabu. Namni yoo si miidhe «Deebi'ee haluu baya» hin jedhin; Rabbiin eeggadhu inni si oolchaa. Bikkituu bifa lamaa Rabbi hin ceem'a; madaalli sobaa hin jaalatamu. Deemsa namaa Rabbitu qajeelcha; namni karaa ufii attamitti hubatuu danda'a? Jarjaranii woreega woreeguun; haga woreeganiin maayessa gaabbuun namaaf siibo'o. Mootiin ogeessi hammeeyyii filee adda baasa; dhiifama malee isaan adaba. Hafuurri namaa ibsaa Rabbiiti; eennummaa keessa namaallee qoree laala. Jaalaltinii fi amanamummaan mootii eegan; jaalalaan teessoon isaa jabaatee dhaabata. Jabeenni ulfinna dargaggeeyyi'iiti; arriin ulfinna manguddootaati. Uleen nama madeessu hammeenna balleessa; dhaanuun keessa namaa qulqulleessa. Garaan mooti'ii Rabbiin harka jira; inni akka bisaan boyii keessaa gara ufii fedhe isa masakka. Namatti karaan inni deemu maruu qajeelaa itti fakkaata; Rabbi garuu yaada namaa madaala. Ciincaa caalaa balchumma'aa fi haqa raawwachuun; Rabbiin biratti fudhatama qaba. Uf jajuun; garaan boonu; hujiin hammeeyyi'iillee cubbu'u. Karoorri nama jabaatee hojjatuu gara bu'a'aa qajeelcha; jarjarri gara hiyyumma'aa nama geessa. Qabeenni arraba soba dubbatuun argame; akka aara bittinnaayee baduutii fi akka siiboo du'aaf geessuuti. Hammeeyyii diddaa isaaniititu isaan haxaaya; waan qajeelaa godhuu waan hin jaalanneef. Karaan yakkama'aa micciirama'a; amalli nama qulqullu'uu garuu qajeela'a. Haadha manaa nyakkiftuu woliin mana tokko keessa jiraatu'uu mannaa; ginnoo manaa irra ol bayanii qaccee irra jiraachuu woyya. Namni hamaan jabeessee hammeenna hawwa; hiriyyaan isaa isa biraa gara laafummaa hin argatu. Namni baldu yoo adabamu; wollaalaan ogummaa bu'aa buufata; ogeessi yoo barate beekkumsa argata. Balchaan mana hammeeyyi'ii xiinxallee laala; hammeeyyii hin balleessa. Namni iyya hiyyeeyyi'ii dhagayuu didu'uuf yoo gurra cufate; innillee hin iyya; deebiillee hin argatu. Kennaan dhossa'aa kennan aarii qabbaneessa; gabbarsuun dhossa'aan harka keessa kaayan aarii guddaa qabbaneessa. Handhi yoo lafa qabate qajeelaa gammachiisa; worra hammeenna hojjatan garuu hin shibbireessa. Namni karaa qajeelaa dogoggoru; gumii worra du'anii keessa bu'a. Namni qananii jaalatu hin hiyyooma; namni daadhii woyini'iitii fi dhadhaa jaalatu hin duroomu. Namni hamaan qajeela'aaf namni hin amanamne farra nama qajeela'aa ta'a. Haadha manaa nyakkiftu'uu fi ta loltu woliin jiraachu'uu mannaa; gammoojji'ii keessa jiraachuu woyya. Mana nama ogeessaa keessa nyaataa fi dhadhaa filatama'atu kuufamee argama; namni gowwaan garuu waan qabuu fi waan hin qabnellee manaa haxaaya. Namni balchumma'aa fi jaalala hordofu, jireenna, durumma'aa fi ulfinna argata. Ogeessi dallaya qachaa worra jajjaba'aa cabsee seena; maandhee isaan hedatanillee hin diiga. Namni afaanii fi arraba ufii tooyatu, balaa irraa uf eega. Namni uf jajuu fi boonu «Baldaa» jedhama; inni kooraan guuttameera. Hirri'aa hawwi'itu ajjeesa; waan harki isaa hujii jibbuuf. Namni hamaan guyyaa guutuu luquna; balchaan garuu uduu womaa hin hambifne kenna. Ciincaan nama hama'aa ceem'isiisa'a; yoo karoora hama'aan dhiyeesse hagam jibbisiisa! Ragaan sobaa hin bada; ka dhugaa dubbatu garuu jabaatee jiraata. Namni hamaan ugga hin taaneen dhiyaata; namni qajeelaan garuu waan godhu hubata. Ogummaan, hubannaanii fi karoorri; Rabbiin dhoogguu danda'an hin jiru. Fardi guyyaa lolaatiif qophaaya; mooyachuun garuu Rabbiin. Maqaan mishaan durummaa heddu caalaa filatama; kabajjamuun meeti'ii fi worqii caala. Wonti dureessinii fi hiyyeessi woliin qaban; Rabbii uumaa isaanii ta'e. Namni hubataan hennaa balaa argu hulee itti dhokatu barbaada; ka bilchinna hin qabne garuu ittuma deemee rakkoo irratti kufa. Kasoomuunii fi Rabbiin sodaachuun qabeenna, ulfinnaa fi jireenna argamsiisa. Karaa worra hammeeyyi'ii irra qore'ee fi siibo'otu jira; ka lubbuu ufii eegu garuu kanniin irraa fagaata. Finna karaa inni deemu barsiisi; inni hennaa jaarellee achi irraa hin goru. Dureessi hiyyeessa bulcha; ka liqeeffatu garbicha ka liqeessuuti. Namni hammeenna facaasu rakkinna haamata; uleen isaa ta lolaallee hin baddi. Namni arjaan ufumaa eebbifama; nyaata ufii hiyyeeyyii woliin qoodama. Nama baldu baasi; lolli hin dhaabataa; lollinii fi arrabnillee hin hafa. Nama garaa qulqulluu jaalatuu fi nama dubbiin isaa gaachena qabu; mootiin jaalalloo ta'aan. Ijji Rabbii beekkumsa hin eega; dubbii namoota hin amanamnee garuu hin balleessa. Amshaaggaan, «leenci waan dida jiruuf; yoo diida baye na ajjeesa ta'a» jedha. Afaan dubartii seebartuu akka boolla qile'eeti; ka Rabbi loleen itti bada. Gowwummaan garaa daa'imaatitti hidhameera; uleen gorsaa garuu isa irraa fageessiti. Namni qabeenna kuufatu'uuf hiyyeessa miidhu; ka dureessaa kennaa dhiyeessu, isaan lachuu hin hiyyooman. Jecha ogeeyyi'ii qalbi'iin dhagayi; garaa kee gara barumsa kiyyaa deebisi. Hennaa garaa kee keessatti isaan eedde; isaan maruu yoo afaan kee keessa jiraatan si gammachiisan. Kanaafuu akka ati Rabbiin abdattuuf; ani adha si barsiisa. Ani barumsa mishaa gorsaa fi dubbii beekkumsaa sii hin barreessinee? Ka si ergeef deebii ta'u akka kennitu akka dubbii dhuga'aatii fi amanamaa ta'an si barsiisuufii mitii? Waan hiyyeeyyii ta'an calla'aaf hiyyeeyyii hin saamin; rakkataallee bayima afo'otti hin cunqursin. Rabbi waan isaanii murteessuuf; worra isaan saaman hin saama. Nama biibbayuun jaalalloo hin ta'in; nama salphamatti aaruun hin goshoomin. Kana ta'uu baannaan karaa isaa baratta; atillee siiboo kanaan qabamta. Waada'aaf harka hin dhayin; liqeeffata'aa wobii hin ta'in. Yoo waan kaffaltu dhabde; siree irra raftu si jalaa fudhata. Malkata daanga'aa ka abboonni tee ta durii dhaaban hin buqqisin. Nama ogummaa ufiitiin leenji'e argiteertaa? mootota biratti kabajjamaa ta'a; namoota hin mallee hin hojjatu. Hennaa bulchaa woliin waa nyaachu'uuf teettu; waan si afoo jiru xiinxallii hubadhu. Yoo nyaachu'uuf muddamtee jiraattellee; uf qabi. Dhiyanni isaa mi'aayaan si hin kajeelchisin; nyaanni waan si sobuuf. Durummaa argachu'uuf jettee uf hin dadhabsiisin; ogummaa yaada kee dhooggituun qabaadhu. Ija kee yoo qabeenna kee irra keette yoosuu bada; akkuma bajjaa samii irra bararuu koola baafatee bararee bada. Dhiyana dondhaa hin nyaatin; dhiyanni isaa mi'aayaanillee si hin kajeelchisin. Inni hennaa maraa nama gatii bikku waan ta'eef afaanumaan «Nyaadhu; dhugi» siin jedha; garaan isaa garuu si woliinii miti. Diqqommaan nyaattellee ol si deebisiisa; galata keellee hin balleessita. Nama gowwaa woliin hin qaaqin; waan dubbii kee ka ogumma'aa si jalaa salphisuuf. Malkata daanga'aa ka ture hin buqqisin; lafa ijoollee abbaa hin qabnee hin dhiibin; Ka isaan oolchu jabaa waan ta'eef Inni isaanii murteessa. Garaa kee gorsaaf; gurra kee beekkumsaaf kenni. Finna adabuu irraa duubatti hin jedhin; harcumme'een dhaante'eef hin du'u. Harcumme'een adabi; lubbuu isaa du'a oolchi. Ilma kiyya! yoo garaan kee ogeessa ta'e; garaan kiyyallee hin gammada. Afaan kee yoo waan sirrii ta'e dubbate keessi kiyya maruu hin gammada. Garaan kee cubbamtootatti hin hinaafin; garuu hennaa maraa guddisii Rabbiin sodaadhu. Boruuf abdii dhuga'aa qabaatta; abdiin keellee duwwaa hin ta'u. Ilma kiyya! dhagayi; ogeessa ta'i; garaan kee karaa qajeelaa irraa hin dabin. Worra daadhii woyini'ii guddisanii dhugan; worra guddisanii foon nyaatan woliin goshoo hin ta'in. Worri machaayuu fi worri garaa jaalatu hin hiyyooman; hirriba jaalachuun dasuu ciccitaa namatti uwwisa. Abbaa kee ka si uumate dhagayi; haadha tee hennaa jaarte hin tuffatin. Dhugaa biti malee hin gurgurin; ogummaa, gorsaa fi hubannaa horii kee godhadhu. Abbaan nama balcha'aa guddisee gammada; ka ilma ogeessa qabullee guddisee isatti gammada. Abbeetii fi haatee haa gammadanii; haati si deettellee haa usheexxituu. Ilma kiyya garaa kee naa kenni; ijji tee karaa kiyya irraa hin gorin. Haati manaa sagaagaltuun akka boolla dhipho'ooti; dubartiin saarageen akka boolla qilee keessaati. Akka saamtu'uutitti riphxi; namoota jiddu'utti worra adaba hin qabne baay'eessiti. Ani badeen ka eennuuti? gaddi ka eennuuti? lolli ka eennuuti? mararoon ka eennuuti? akkanumaan madaayuun ka eennuuti? ija diimachuun eennuuf? Ka worra daadhii woyini'ii dhuga'aa hennaa ufii dabarsaniiti; worra naannaya'aa daadhii woyini'ii ka wolitti makame dhadhamuuf. Bifti isaa diimatee yoo burcuqqoo keessaa calalaqe; hennaa qajeelee gad bu'u, gara daadhii woyini'ii guuttattee hin laalin. Dhuma irratti akka bofaa si iddaa; akka buuti'iititti hadhaa facaasa. Ijji tee waan haarawa argiti; sammuun keellee hin suura. Waan galaana irra ciifte; akka waan qaccee utubaa markabaa irratti irkatte fakkaatta. Ati, «Na dhayan, hin miidhamne; na dhaanan natti hin dhagayamne; eeganaa dhuddoo biraa akka argadhu yoom dammaqa?» jetta. Namoota hammeeyyi'itti hin hinaafin; hiriyyummaa isaanii hin halchin. Garaan isaanii waan didda'aa yaada; afaan isaanii soba dubbata. Manni ogumma'aan ijaarama; hubanna'aan jabaatee dhaabata. Beekkumsaan meeshaan bareenninii fi ka gatii mi'a'aa keessa guutan. Namni ogeessi hunna jabaa qaba; namni beekkumsa qabullee jajjabeenna eda'a. Lola lolu'uuf gorsa mishaa; mooyachu'uufillee worra gorsu heddutu barbaachisa. Ogummaan gowwaa irraa guddisee fago'o; gumii balbala qachatti'ii keessatti dubbachuu hin danda'u. Ka dhara dhayu «Hammaata'a» jedhamee beekkama. Karoorri gowwa'aa cubbu'u; namoonni nama baldu hin ceem'an. Hennaa rakko'oo yoo mama'aa sodaatte; hunni kee hagam dadhaba'a! Namoota gara du'aa deeman oolchi; worra qalamaaf harkifaman hambisi. Ati hagamillee «Yoo waan kana ani hin beeku» jette ka garaa namaa qoru sitti hin beekuu? ka lubbuu tee eegu hin beekuu? maraafuu akka hujii isaaniititti isaanii hin kennuu? Ilma kiyya! dammi waan mishaa ta'eef nyaadhu; nadhiin dammaa sitti mi'aaya. Ogummaanillee lubbuu teetitti akkasuma akka mi'ooftu beeki; yoo isii argatte boruuf abdii qabda; abdiin keellee duwwaa hin ta'u. Mana nama balcha'aa akka saamtu'uutitti itti hin riphin; mana inni keessa jiraatullee dimmaa hin miidhin. Balchaan yoo hennaa torballee kufe hin ka'a; hammeeyyiin garuu badi'iin kufan. Diinni kee yoo kufe hin gammadin; yoma gufatee hashu hin jedhin. Kana taanaan Rabbi kana argee hin gammadu; lola ufiillee isa irraa deebisa. Hujii worra garjabeeyyi'iititti hin rakkatin; hammeeyyi'ittillee hin hinaafin. Dhartichi abdii hin qabu; ibsaan hammeeyyi'iillee jim jettee dhaamti. Ilma kiyya! Rabbii fi mootii sodaadhu; worra dhibaniin wolii hin galin. Balaa isaan lamaanuu fidan eentu beeka? Kunniinillee mammaakkan ogeeyyi'iiti; murtii irratti daloo godhuun waan ta'uu miti. Ka yakkama'aan «Ati qulqullu'u» jedhu, baniin hin abaarata, mootonnillee hin teedeffataniin. Worri yakkama'aan «Ati badii qabda» jedhan garuu waan mishaa argatan. eebbi irraa hafaanillee isaanii gad bu'a. Deebii dhuga'aa kennuun akka waan afaan keessa dhungatu'uuti. Hujii balbala keetii raawwadhu; qonna kee qopheessi; achiin maayessa mana kee ijaari. Eennuttille sababaa malee hin ragin; afaaniinillee hin sobin. «Akkuma inni na irratti hojjate isa irratti hojjadha; akkuma hujii isaatitti isaa deebisa» hin jedhin. Karaa qonna amshaaggichaatiin lufe; karaa woyinii nama hubannaan dhidhateetiin darbee deeme; achitti qoreen itti margeera; laftillee shuqunaa uffateera kaloonillee diiggamteerti; Haga arge buusee baase; waan hubadhe keessaa barumsa argadhe. Yoo «mee diqqoo rafaa; diqqoo hin mugaa; harka maradhee diqqoo hara baafadhaa» jette; Hiyyummaan akka saamtu'uutitti deennillee akka nama meeshaa lolaa hidhateetitti sitti dhufa. Kunniin mammaakkan Solomoonii ka biraa ka namoonni Hisqiyaasii mootii Yihuuda'aa barreessan. Waa dhossuun Rabbiif ulfinna; waa qotanii baasuun garuu moototaa ulfinna isaaniiti. Akkuma samiiwwan ol fagoo ta'an akkuma laftillee gad fagoo taate garaan moototaallee akkasuma hin qoratamu. Dammeessaya meetii irraa balleessi; ka bassullee waan qulqulluu argataa. Hammeenna mootii afo'oo fageessi; teessoon isaallee balchumma'aan jabaattee dhaabatti. Mootii afo'otti ol ol uf hin qabin; manguddoota keessatti argamuu hin jaalatin. Nama guddaa afo'otti ka si salphisee mannaa; «Garana ol siiqi» yoo siin jedhe woyya. waan ijaan argite maraa; gara afoo murti'ii ariiti'iin hin baasin; hiriyyaan kee yoo si salphise lamuu lafa kamtu si liqimsa? Hennaa waan keetiif hiriyyaa keetiin wol mormitu; dhossaa nama biraa hin baasin. Yookaan ka kana dhagayutu si salphisa maqaa kee takka bannaan deebisuu hin dandeettu. Dubbiin haalaan dubbatame; akka worqii killa hudha qabuu ka meeti'iin hojjatameeti. Gurri gorsa nama ogeessaa dhagayu akka qeshoo worqi'ii yookaan akka faaya worqi'iiti. Akkuma hennaa midhaan haama'aa bisaan barada'aa garaa namaa qabbaneessu; ergamaan amanamaan ka isa ergeefillee akkasuma; gooftota ufiillee waan gammachiisuuf. Namni kennaa arjumma'aa hin kennine hin kenna jedhee odeessu akka rooba duumessaa fi qilleensa hin qabneeti. Obsaan bulcha'aan wolii galuun hin danda'ama; arrabni laafaanillee lafee cabsa. Damma yoo argatte hagatti nyaadhu; yoo baay'ate ol si deebisiisa. Gara mana hiriyyaa keetii deemuu hin guddisin; hifachiifteenii si jibbaa. Namni dharaan hiriyyaa ufiititti ragu akka ulee jirmaa, akka guraade'eetii fi akka eboo qaramteeti. Hennaa rakko'oo nama hin amanamne abdachuun akka waan ilkaan balla'ee fi luka laamshaye abdateeti. Nama garaan gaddee faarfatuun, akka nama gaafa qorraa uffata baafatuu, yookaan akka sooqidda mada'atti naqaniiti. Diina kee yoo beelaye nyaachisi; yoo dheebote obaasi. Kana godhuu keetiin mataa isaa irratti barbadaa tuulta; Rabbillee gatii kee sii kaffala. Akkuma bubbeen kaabaa rooba fidu; akkasuma arrabni hamatu fuula badaa fida. Haadha manaa nyakkiftuu woliin mana tokko keessa jiraachu'uu mannaa; qaccee ginnoo manaa gubbaa jiraachuu woyya. Oduun mishaan fago'oo dhufu akka bisaan qabbanaayaa lubbuu dheebotte dheebuu baasuuti. Namni qajeelaan nama hama'aa jilbiiffatu akka burqaa boorayee yookaan akka bisaan boollaa ka faalameeti. Hagaa olitti damma nyaachuun misha'aa miti; ulfinna ufii barbaaduun nama hin kabajjisiisu. Namni uf hin qabne akka qachaa kaloon isi'ii diiggamteeti. Akkuma baradaan hennaa bonaa; akkuma roobni hennaa haama'aa hin barbaachifne; akkasuma gowwa'aaf ulfinni hin barbaachisu. Abaarsi akkanumaan nama abaaran; akkuma simbira asii fi achi barartuuti malee nama tokkollee hin miidhu. Akkuma shabbeenni fardaaf; akkuchaan harre'eef barbaachisu; uleen dudda gowwa'aatiif hin barbaachisa. Gowwa'aa akka gowwummaa isaatitti hin deebisiniif; yookaan atillee akkuma isaa taataa. Gowwaan akka ogeessa uf hin seene akkuma gowwummaa isaatitti deebisiif. Gowwa'aan ergaa erguun akka waan luka ufii muru'uu yookaan rakkinna ufitti fidu'uuti. Mammaanni gowwaan mammaaku akka luka naafatee rarra'uuti. Gowwa'aa ulfinna kennuun akka dhagaa furaanfurrisatti hidhu'uuti. Mammaanni wollaalaan mammaaku akka qoree harka machaaya'aa jirtuuti. Namni nama gowwaa yookaan nama karaa deemu qaxaru; akka nama arfii ebo'oo akkuma arge darbatee woma arge madeessuuti. Akkuma sareen diddiga ufiititti deebitu; gowwaan gowwummaa ufii irra deddeebi'a. Nama akka ogeessaatitti uf laalu argiteertaa? gowwaan isa caalaa abdii qaba. Amshaaggaan, «leenci karaa irra jira; leenci sodaachisu karaa irra deema'aara» jedha. Akkuma cufanaan qasatoo irra naannayu; akkasuma amshaaggaanillee siree ufii irra gara gaggala. Amshaaggaan harka ufii qorii keessa kaaya; garuu garuma afaaniituu fiduu hin dadhaba. Amshaaggaan namoota torbaa ka hubanna'aan deebii deebisan caalaa ogeessa uf seeya. Kara deemtuun lola nama biraa keessa seenu akka nama gurra sare'ee qabeeti. Akkuma maraataan arraba ibiddaatii fi arfii ebo'oo namaan darbatu; Namni nama gowwoomsee, «Lakki ani hin taphadhee» jedhullee akkasuma. Yoo qoraan hin jirre ibiddi hin dhaama; hulee namni kijibu hin jirretti lolli hin dhaabata. Akkuma cileen barbadaa; akkuma qoraaniillee ibidda qabsiisu akkasuma namni dubbii tuttuqu lola guddisa. Dubbiin hamattichaa akka nyaata mi'aayuuti; garaa namaa keessa seenee gara madhumaaniillee gad bu'a. Namni hammeenna gara'atti qabatee afaaniin dubbii mishaa qaaqu; akka meeshaa faaraa ka meeti'iin uwwisaniiti. Dhartichi afaaniin soba; gara'atti garuu hamtuu yaada. Dubbiin isaa yoo sitti tolellee isa hin amanin; battummaa torbatu garaa isaa guuteeraa. Dharti isaa soba isaatiin dhokachuu danda'a; hammeenni isaa garuu gumii keessatti mudhata. Ka boolla qotu ufumaa itti kufa; ka dhagaa gangalchu isumatti gara gala. Arrabni kijibu kama ufii miidhe jibba; afaan sobullee badii fida. Waan guyyaan fidu waan hin beenneef waan boru ta'uun hin dhaadatin. Namni si haa jajuu malee ati ufii uf hin jajin; namni biraa si haa jajuu malee afaan keetiin uf hin jajin. Dhagaan hin ulfaata; xidhachillee ba'a'a; tuttuqqiin gowwa'aa garuu kanniin caalaa ulfaata. Aariin garjabeenna; lolli akka lola'aati; garuu eentu hinaaffaa afoo dhaabatuu danda'a? Jaalala dhossa'aa caalaa; dheekkamsa mudhate woyya. Dhungoo diinni deddeebi'ee dhungatu caalaa; madeessaa jaalallo'ootitu amanama. Ka quufetti dammi hin mi'aayu; ka beelayetti garuu hadhaayaanuu hin mi'aaya. Namni mana ufiitii bayee yaantaru akka simbira maandhee ufiitii baatee yaantartuuti. Urgooftuunii fi hixaanni nama gammachiisan; gammachiisuun jaalallo'oollee gorsa isaa qajeelaa irraa dhufa. Jaalalloo keetii fi jaalalloo abbeetii hin dhiisin; hennaa rakkoon si irra gayu gara mana obboleessa keetii hin dhaqin; obboleessa fagoo jiruu mannaa ollaa dhiyoo jiru woyya. Ilma kiyya! ogeessa ta'i; garaa na gammachiisi; worra na tuffatan maraafuu akka deebii kennuu danda'u. Namni uf eeggatu balaa argee dhokata; ka hubannaan hanqateef garuu dhaqee itti miidhama. Nama nama hin beekkamneef wobii ta'e irraa qabdii fudhadhu; haga waan namni hin beekkamne sun fudhate deebisutti uffata san qabadhu. Namni uduu hin bariine laagaa ufii ol qabatee hiriyyaa ufii eebbise; akka waan hiriyyaa ufii bararraasseetitti laallama. Haati manaa nyakkiftuun akka kishisha roobaa ka hin caamneeti. Isii ittisu'uuf badaduun, akka waan qilleensa ittisu'uu yookaan akka nama dhadhaa baqe cum'uuti. Akkuma sibiilli sibiila qaru, namnillee akkasuma nama biraa qara. Ka muka hurbu'uu kunuunsu daraaraa isi'ii nyaata; ka gooftaa ufiitii hojjatu ulfinna argata. Akkuma bisaan fuula namaa mudhisu yaanni namaallee eennummaa namaa mudhisa. Akkuma huleen worri du'e jiruu fi asaabni hin quufne; ijji namaallee laaltee hin quuftu. Akkuma meeti'ii fi worqiin ibiddaan qoramu; akkasuma namnillee galata fudhatuun qorama. Gowwaa akka midhaanii yoo mooyye'etti tumtellee; gowwummaa isa keessaa baasuu hin dandeettu. Hoolota tee haala kamiin keessa akka jiran sirri'itti beeki; gobbuu keellee kunuunsi. Durummaan bara haga bara baraa waan hin jiraanneef; gulloonillee dhalootaa gara dhalootaa hin darbu. Hennaa margi gogaan badee haarofni biqilu; margi tulloota irra jiru wolitti qabamee hennaa dhufu; korbeeyyii hoolotaa irraa uffata argatta; re'iinillee waan lafa qonnaa ittiin bitattu sii ta'an. Aannan re'e'ee ka sii fi maatii keetiif ta'u; ka ollaa keetiifillee gayu qabaatta. Namni hamaan uduu eennullee isa hin ariine dheessa; balchaan garuu akka leencaa onneen isaa guutu'u. Biyya finqila kaaftu bulchootatu itti baay'ata; nama beeka'aa fi hubataa yoo qabaatte garuu jabaattee dhaabatti. Namni hiyyeeyyii rakkisu akka rooba jabaa midhaan balleessuuti. Worri seera dhiisan hammeeyyii faarsan; worri seera eegan garuu isaaniin morman. Hammeeyyiin haqa hin hubatan; worri Rabbiin barbaadan garuu guutumatti beekan. Dureessa adeemsi isaa micciirama'aatii mannaa; hiyyeessa karaan isaa mudaa hin qabne woyya. Ilmi hubannaa qabu seera eega; ka worra garaa jaalatu woliin goshoomu garuu abbaa ufii salphisa. Namni horii ufii dhala gudda'aan kuufatu; nama biraa ka hiyyeessaa garaa laafuu kuusa. Ka seera dhagayuu didda'aaf gurra cufatu; kadhaan isaatuu jibbisiisa'a. Ka qajeellota gara karaa hama'aa masakku; boolla ufii qote seena; qulqulloonni garuu waan mishaa dhaalan. Dureessi ogeessa uf seeya ta'a; hiyyeessi hubataan garuu qoree isa beeka. Balchoonni yoo mooyan gammachuu gudda'atu ta'a; yoo hammeeyyiin baallii qabatan garuu baniin hin dhokata. Ka cubbuu ufii dhoffatu hin lalisu; ka himatuu fi ka dhiisu garuu araara argata. Namni hennaa maraa Rabbiin sodaatu eebbifama'a; namni mataa jabaatu garuu rakkinna irratti kufa. Bulchaan garjabeessi banii gargaarsa hin qabne irratti mooye; akka leenca aaduu yookaan akka doobbaa utaalee qabuuti. Bulchaa garjabeessa waa wol bira qabu'utu hanqataan; ka faayidaa haala malee argamu ceem'u garuu umuriin isaa hin dheerata. Namni dhiinni namaa irra jiru bara maraa baqata'aa jiraata; eennullee isa hin gargaarin. Nama adeemsi isaa mudaa hin qabne wonti hamaan isa hin argatu; ka karaan isaa micciirama'aa garuu dimmaa kufa. Ka lafa ufii qotatu nyaata irraa hafaa argata; ka abdii gatii hin qabne qabatee deemu garuu hiyyummaa dhaala. Namni amanamaan guddisee eebbifama; ka durummaa argachu'uuf jarjaru garuu adabbii jalaa hin bayu. Daloo hojjachuun misha'aa miti; namni garuu buddeena diqqo'oof jedhee yakka raawwata. Namni dondhi duroomu'uuf jarjara akka hiyyummaan isa eeggatu hin beeku. Nama arraba sobu qabu caalaa; nama nama gorsutu oolee bulee jaalatama. Namni abba'aa fi haadha ufii jalaa waa hatee «Kun balleessa'aa miti » jedhu inni goshoo nama waa balleessuuti. Namni dondhi lola kakkaasa; namni Rabbiin abdatu garuu hin eebbifama. Namni uf abdatu gowwa'a; namni ogumma'aan deddeebi'u garuu hamtuu irra hin bu'u. Namni hiyyeeyyi'ii kennu hin rakkatu; ka isaan argee akka waan hin arginee ta'u garuu abaarsa heddutu irra gaya. Hennaa hammeeyyiin baallii qabatan baniin hin dhokatan; hennaa hammeeyyiin badan garuu balchoonni heddu ta'an. Namni gorsa hedduun maayessa didee mataa jabaatu; dimmaa bada; ka isa oolchullee hin argatu. Balchoonni hennaa baallii argatan baniin hin gammadan; hammeeyyiin yoo bulchan garuu baniin hin woyata. Namni ogummaa jaalatu abbaa ufii gammachiisa; jaalalloon seebartootaa garuu qabeenna ufii bittinneessa. Mootiin haqa muru'uun biyya tasgabbeessa; ka gabbarsuu fudhachuu hawwu garuu isii diiga. Namni hiriyyaa ufii sobu lukuma ufiititti siiboo godha. Namni hamaan cubbuma ufiitiin qabama; balchaan garuu hin faarfata, hin gammadalle'e. Balchaan haqa hiyyeeyyi'iitiif dhiphata; namni hamaan garuu hajaa hin qabu. Worri nama arrabsan qachaa booreessan; ogeeyyiin garuu lola qabbaneessan. Ogeessi nama gowwaa woliin gara yaa'ii murti'ii yoo dhaqe gowwaan hin lola; hin balda; nagaya hin qabaatu. Namoonni dhiiga namaa dheebotan nama haqaa jibban; qajeelaa ajjeesuu barbaadan. Namni gowwaan hagaa ol lola ufii gad dhiisa; ogeessi garuu uf qaba. Bulchaan yoo ka oduu sobaa dhagayu ta'e; qondaaltonni isaa maruu hammeeyyii ta'an. Hiyyeessinii fi ka isa miidhu waan tokko woliin qaban; Rabbi isaan lamaaniifuu ifa ijaa kenneera. Mootiin yoo hiyyeessaa murtii sirrii kenne; teessoon isaa bara baraan jabaatee jiraata. Uleen gorsaa ogummaa namatti uwwifti; finni adaba hin qabne garuu haadha saalfachiisa. Hammeeyyiin yoo baallii argatan cubbu'utu guddata; balchoonni garuu kufa isaanii argan. Finna kee adabi; nagaya sii kennaa; lubbuu keellee hin gammachiisaa. Yoo mudhanni hin jirre baniin gad-dhiifamaa ta'a; ka seera eegu garuu eebbifama'a. Garbichi jecha calla'aan sirreeffamuu hin danda'u; yoma hubatellee tole hin jedhu. Nama jarjaraan dubbatu argitaa? isa caalaa gowwaan abdii qaba. Namni hojjataa ufii ijoollummaa isaa irraa jalqabee qananiisu; dhuma irratti hin gadda. Namni aaru lola kaasa; ka biibbayullee cubbuu guddaa hojjata. Namni uf jaju hin salphata; ka hafuura kasumma'aa qabu garuu ulfinna argata. Namni shariika hattu'uu ufumaa diina ufitti ta'a; akka kakatee ragaa ta'u gaafatama; garuu ija jabeennaan dhugaa hin dubbatu. Nama sodaachuun siiboo keessa nama galcha; ka Rabbiin sodaatu garuu nagayaan jiraata. Namoonni hedduu worra bulchan biratti fudhatama argachuu hawwan; namni garuu Rabbiin biraa haqa argata. Balchoonni worra soban hin ceem'an; hammeeyyiinillee qajeellota hin jibban. Dubbiin Agur ilmi Yaaqe'ee dubbate kana; namni kun Iiti'eel, Iiti'eelii fi Akulitti dubbate. «Ani nama maraa caalaa gowwa'a; hubannaa namni qabu ani hin qabu. Ogummaa hin baranne; waan Woyyichaallee beekkumsa hin qabu. Ka gara sami'ii ol baye; ka gad bu'e eennu? ka qilleensa harkaan cum'ee qabe eennu? ka uffataan bisaan mammaree qabe eennu? ka daangaawwan lafaa maraa murteesse eennu? maqaan isaa eennu? maqaan ilma isaa hoo eennu jedhama? yoo ka beettuu mee natti himi! «Dubbiin Rabbii maruu mudaa hin qabu; inni worra isa abdatan maraafuu wonte'e. Dubbii isaatitti waan tokkollee hin eda'in; yookaan si xixa; sobaa si taasisa. «Yaa Rabbi! Ani waa lama si kadhadha; ani uduu hin duune waan kanniin na hin dhooggatin. Sobaa fi kijiba dubbachuu na irraa fageessi; hiyyumma'aa fi durummaallee naa hin kennin; buddeenuma guyya'aa callaa naa kenni. Yoo kana hin taane garuu hagaa olitti quufee si waakkadha; ‹Rabbi eennu?› jedha; yookaan hiyyoomee hata; maqaa Waaqa kiyyaallee hin arrabsisiisa. «Garbicha gooftaa isaa afo'otti hammeennaan hin kaasin; yoo kana hin taanee si abaaree miidhaan si irra gayaa. «Dhaloonni abbaa ufii abaaru; ka haadha ufiillee hin eebbifne hin jira. Worri akka qulqullu'uutitti uf laalan; ka ufii garuu battummaa ufii irraa hin qulqulloofne hin jiran; Worri uf jaju'uun nama laalan; akki isaan itti laalan tuffi'iin; Hiyyeeyyii lafa irraa; rakkattootallee fiixaa namaa keessaa balleessu'uuf; worri ilkaan isaanii guraadee ta'e; worri a'oon isaanii billawa ta'e hin jiran. Ulaa'ulli ilmoolee dhaltuu lama qabdi; isaan, «nuu kenni! nuu kenni!» jedha'aa iyyan; wonti sadihii ka sirima hin quufnetu jira; ka sirima «Na gayee» hin beenne afur; isaanillee awwaala, gadaamessa hin deenne; lafa bisaan dhuddee hin quufne, ibidda ‹na gaye› hin jenne fa'a. «Ija abba'atti balditu; ta ajaja haadhaallee tuffattu; harraageyyiin gammoojji'ii qotanii baasan; rumichi hedduu dhufanii nyaatan. «Wonti sadihii ka guddisee na maalalchiisutu jira; arfaffaa garuu hin hubadhu; Karaan bajjaa samii gubba'a; karaan bofaa dhagaa keessa; karaan markabaa galaana irra; karaan namaallee ijoollee intalaa woliin. «Karaan dubartii seebartuu kana; nyaattee afaan haqachu'uun; ‹wonti badaan ani hojjadhe hin jiru› jetti. Lafti waa sadihiin raafamti; akkasuma wonti isiin baadhachuu hin dandeenne waa afur; garbicha mooye; amshaaggaa buddeena quufe; intalti jibbamte ta abbaa manaa argatte; garbittii intalaa ta giiftii ufii bakka buute. «Lafa irra waan didiqqoo afurtu jira; ta'anillee isaan guddisanii ogeeyyi'i. Mixiin uumama dadadhaba'a; ta'ullee isaan nyaata ufii bonaan kuufatan. Osoleen uumama hunna hin qabne; ta'ullee isaan dhagaa gugurdaa jiddu'utti mana ijaaratan. Awwaannifni mootii hin qaban; garuu wol duraa duubaan deeman. Lootuun harkaan qabamti; garuu mana mooti'ii keessatti argamti. «Wonti sadihii ka deemsi isaanii gaachena qabutu jira; ka arfeesso'oo arnya ulfinnaa qaba. Leenca busaawaa jiddu'utti hunnaamessaa; waa maraa dura ka nyaara ufii guuru; Lukkuu kormaa, re'ee kormaa tika afo'otti bondhooran; akkasuma mootii loltootaan marfame fa'a. Gowwaa taatee yoo uf tuulte; yookaan yoo waan hamaa karoorsite; afaan qabadhu. Akkuma aannan yoo raasan dhadhaa bayu; funyaan yoo sukkuuman dhiigu; aarii kakkaasuun lola uuma. Dubbiin haati isaa Limu'eelii mooticha barsiifte kana. «Ilma kiyya! ilma gadaamessa kiyyaa! ilma woreega kiyyaa; Hunna kee dubarti'itti hin fixin; jabeenna keellee worra mootota balleessaniif hin oolchin. «Limu'eeli! Mootonni waan kana godhuu isaan hin barbaachisu; mootonni daadhii woyini'ii dhuguu; bulchoonni dhuddoo macheessu dharra'uu isaan hin barbaachisu; Yoo dhugan murtii seeraa irraanfatan; mirga worra hucuucamanii maraa hin dhiiban. Worra badaniif dhuddoo maacheessu; worra rakkoo keessa jiraniif daadhii woyini'ii kennaa'a; dhuganii hiyyummaa ufii haa irraafatanii; rakkoo ufiillee ammaa achi akka hin yaanne. «Worra waan ufii dubbachuu hin dandeenne; mirga worra rakkatanii maraafuu falmi. Dubbadhu; qajeellumma'aan murteessi; mirga hiyyeeyyi'iitii fi ka worra rakkatanii kabajjisiisi.» Haadha manaa amala michu'uu eentu argata? isiin mi'a diimaa gatii gudda'aa caalti. Abbaan manaa isi'ii guutumatti isii abdata; wonti isii irraa dhidhatu hin jiru. Bara jiraattu maraa waan mishaa gootiif malee isa hin miitu. Rifeensa hoola'aatii fi quuncee talba'aa filattee; harka isi'ii ka hujii jaalatuun footi. Akka markaba daldaltu'uutitti nyaata ufii fago'oo wolitti qabdi. Uduu hin bariine kaati; maatii ufiitiif nyaata; hojjattoota ufii ta intalaatiifillee gayee isaanii kenniti. Ufumaa yaaddee lafa qonnaa bitatti; horii argattuun woyinii dhaabdi. Hunna jabeeffattee hujii ufii raawwatti; irreen isi'ii huji'itti jajjaba'a. Hujiin isi'ii akka gatii qabu hin hubatti; halkanillee ibsaan isi'ii hin dhaamu. Harka ufiitiin fuuttaa qabatti; qubbiin ufiitiin jirbii footi. Harka ufii hiyyeeyyi'ii badhifti; harka ufii worra rakkatetti hiixatti. Yoo baradaa roobe maatii ufiitiif hin shukultu; maruu waan uffata diimaa uffataniiraniif. Siree ufii ka irra raftuuf uffata hojjatti; uffata diimaa dhiilge'ee fi ka gad diratan uffatti. Abbaan manaa isi'ii manguddoo jiddu'utti; hennaa bayima keessa taa'u kabajjama'a. Isiin uffata quuncee talba'aa irraa hojjattee gurgurti; daldaltootaallee sabbata dhiyeessiti. Isiin jabeennaa fi gaachena uffatteerti; baroota itti aanu gammachu'uun fudhatti. Ogumma'aan dubbatti; afaan isi'ii keessa gorsa qajeela'atu jira. Waan maatii ufii jabeennaan hordofti; buddeena amshaagga'aa hin nyaattu. Ijoolleen isi'ii kaatee ta eebbifamte jedhaniin; abbaan manaa isi'iillee akkasuma; inni akkana jedhee isii galatoonfata; «Dubartoonni hedduu waan mishaa godhaniiran; ati garuu isaan maraa hin caalta.» Bareeddinni nama soba; mishummaanillee hin harca'a; Dubartiin Rabbiin sodaattu garuu ta galtoonfamte. Badhaasa isi'ii ta'u kenna'aaf; hujiin isi'ii bayima marattuu isii haa galatoonfatuu. Dubbiin lallabtichaa ka ilmi Daawitii ka Yerusaalemitti mooye dubbate kana; Lallabaan, «Gatii hin qabu; gatii hin qabu; sirima gatii hin qabu; maruu gatii hin qabu» jedha. Waan adu'uu gaditti itti dadhaban maraafuu bu'aan namaa maali'i? Dhaloonni hin dhufa dhaloonni hin lufa; lafti garuu itittee baraa haga bara baraa jiraatti. Aduun hin baati; hin dhiitille'e, deebitee gara hulee baatuu gayu'uuf jarjarti. Qilleensi gara kibbaatii fi gara kaabaallee hin bubbisa; hennaa maraa naannaya'aa deddeebi'a. Bisaan lagaa maruu gara galaanaa yaa'a; garuu galaanni hin guutu; deebi'ee bisaan gara hulee ufii itti burquu dhaqa. Wonti maruu nama hifachiisa; akkaataa inni itti nama hifachiisu namni maruu ibsee dubbachuu hin danda'u; ijji laaltee hin quuftu, gurrillee dhagayee hin hifatu. Wonti dura ta'e ammallee deebi'eetuma ta'a; wonti amma raawwata'aarullee kama dur raawwatame; kanaafuu adu'uu gaditti wonti haarofni hin jiru. Eennullee, «Wonti kun haarawa!» jechuu hin danda'aa? inni baroota armaan dura lufan keessatti raawwatameera. Namni waan bara durii raawwataman maraa qaabatu hin jiru; wontoonni waan sanniiniin maayessa raawwatamanillee dhaloota maayessa dhalatan biratti hin qaabataman. Ani lallabaan Yerusaalemitti mootii worra Israa'elii ture; Waan sami'ii gaditti taasifamu maraa ogumma'aan barbaada'aa qorachu'uuf murteeffadhe; fe'aa guddaa kana akka ilmi namaa itti dadhabuuf Rabbi namaa kenne. Waan sami'ii gaditti hojjatama'aaru maraa hin laale; garuu wonti maruu akka duwwa'a ta'e arge; wonti maruu akka nama qilleensa duukaa bu'uuti. Ka dabe qajeeluu hin danda'u; wonti biraallee ka hin jirre laakkayamuu hin danda'u. Ani onnee kiyya keessatti «Mootota tanaan dura Yerusaalemitti bulcha'aa turan caalaa guddisee beekkumsaa fi ogummaa argadhe» jedhee dubbadhe. Ogummaa'a, maraattumma'aa fi gowwummaallee beeku'uuf jedhee uf kenne; kun akka waan qilleensa duukaa deemu'uu ta'e hubadhe. Akkuma ogummaan guddateen gaddi guddata; akkuma beekkumsi guddatuun rakkoonillee namatti baay'ata. Ani garaa kiyya keessatti «Waan misha'aa fi gammachuu maal akka ta'e beeku'uuf qoradha» jedhe. Garuu kunillee akka gatii hin qabne arge. Akkasuma «Kolfi gowwumma'a; gammachu'uu fi qananiin maal fayyada?» jedhe. Wonti mishaan ilmaan namaa bara jiruu ufii keessatti sami'ii gaditti hujan maal akka ta'e akka arguuf garaan kiyya ogumma'aan na masakka'aa, daadhii woyini'iitiin uf gammachiisu'uuf gowwummaa kiyyaan murteeffadhe. Ani hujii guddaa hojjadhe manniin baay'ee ijaaradhe; muka woyini'iillee hin dhaabadhe; hulee muka adda addaa ka daraaraa isaa nyaatan itti dhaabanillee qopheessee muka gara garaa itti dhaabe. Hulee bisaan itti kuufamu ka biqiltuu huura keessatti dhaabame ittiin obaasullee hin hojjadhe. Garboota dhiiraatii fi ta intalaallee hin bite; garboota manatti dhalatanillee hin qaba; worra anaan duratti Yerusaalemiin keessa turan caalaa ani tika hori'ii, tika re'iiniitii fi ka hoolotaallee baay'ee qaba. Biyya ufii bulchutti godina adda addaatii galmee mana moototaa wolitti qabu'uun worqi'ii fi birrii baay'ee wolitti qabadhe; worra faaru'uun na jajan dubarti'ii fi dhiira hin qopheeffadhe; dubartoota mata galaa baay'ee wolitti qabe. Ani worra tanaan dura Yerusaalemiin keessa turan maraa caalaa nama kabajjamaa ta'e; waan kana maraa keessatti ogummaan tiyya na woliin turte. Waan ijji tiyya argitee hawwite maraa hin dhoogganne; waan garaa kiyyatti dharra'e maraa hin argadhe; gammachuu nafa kiyyaa ta'u maraa hin argadhe; waan hojjadhee itti dadhabeef hireen ani argadhe kana. Waan harka kiyyaan hojjadhee itti dadhabe maraa yoo yaadu; kunniin maruu gatii hin qabu; akka nama qilleensa faanaa deemuu ture; wonti adu'uu gadii maruu bu'aa hin qabu. Wonti mootiin tokko hojjachuu danda'u waan mootonni isa duraa hojjatan hordofa'aati; kanaafuu anillee ogummaan, gowwummaanii fi maraattummaan maal akka ta'e qoradhee beeku'uuf yaaduu jalqabe; namni mootichaan maayessa dhufu maal godha? Akkuma ifti dukkana caalu, akkasuma ogummaan gowwummaa akka caaltu arge. Namni ogeessi waan isa afoo jiru beeka; gowwaan garuu dukkana keessa deema; garuu dhumti isaanii tokko akka ta'e hubadhe. Ani garaa kiyya keessatti «Wonti nama gowwaa irra gawu, na irrallee ima gaya; maaf ani guddisee ogeessa ta'e?» jedhe; hennaa san ani garaa kiyya keessatti «kunillee gatii hin qabu!» jedhe. Ogeessa ta'ee'e nama gowwaa isaan lachuu hennaa dheera'aaf namni isaan yaadatu hin argamu; baroota dhufanitti isaan lachuu hin irraanfataman; adaa ogeessi akkuma gowwa'aa du'uun isaa hin hafu. Wonti sami'ii gaditti hojjatamu maruu waan na gaddisiiseef jireenna jibbe; kun maruu gatii hin qabu akka nama qilleensa duukaa deemuuti. Qabeenna qabu maraa worra na maayessa dhufuuf dhiisee waan deemuuf ani waan sami'ii gaditti itti dadhabe maraa jibbe. Ka naan maayessa dhufu ogeessa ta'ee'e, gowwaa, ka addaan baasu hin jiru; garuu waan ani sami'ii gaditti itti dadhabee fi ka ani ogummaa kiyyaan bu'aa buuse fudhatee abbaa itti ta'a; kunillee gatii hin qabu. Waan ani sami'ii gaditti itti dadhabe deebi'ee yoo yaadadhu abdii na kutachiise. Haga namni biraa ogumma'aa fi beekkumsaan, malaanillee itti dadhabeen maayessaa waan namni biraa ka itti hin dadhabne dhaaluuf kunillee waan gatii hin qabnee fi rakkoo gudda'a. Faayidaan nama waan sami'ii gadiititti itti dadhabee fi yaanni garaa isaa maali'i? Wonti inni bara ufii keessatti hojjatu maruu ka gaddaatii fi ka miidhamaati malee wonti inni fayyadamu hin jiru; halkan hin rafu; kunillee gatii hin qabu. Namni waan nyaatuu fi waan dhugu gammachuu waan itti dadhabe san irraa argatu malee faayidaa biraa hin qabu; kunillee kennaa Rabbi isaa kenne akka ta'e arge. Namni fedha isaatiin gama nyaatee dhugee fi gammachuu arge eennu? Rabbi nama isa gammachiisuu ogummaa, beekkumsaa fi gammachuu kennaaf; nama cubbamaa garuu waan nama isa gammachiisuuf kennu'uuf ta'u san akka xaaree wolitti qabu godha; kunillee gatii hin qabuu; akka nama qilleensa duukaa deemuuti. Wonta adunyaa tanatti raawwatamu maraafuu henna'atu jira; Dhalachu'uuf henna'atu jira, du'uufillee henna'atu jira; dhaabu'uuf henna'atu jira; ka dhaabame buqqisu'uufillee henna'atu jira. Ajjeesu'uuf henna'atu jira; fayyu'uufillee henna'atu jira; ijaaru'uuf henna'atu jira; diigu'uufillee henna'atu jira. Booyu'uuf henna'atu jira; kolfu'uufillee henna'atu jira; gaddaaf henna'atu jira; sirbu'uufillee henna'atu jira. Dhagaa bittinneessu'uuf henna'atu jira; dhagaa wolitti qabu'uufillee henna'atu jira; wol ammachu'uuf henna'atu jira; gara gara bayu'uufillee henna'atu jira. Soqu'uuf henna'atu jira; dhiisu'uufillee henna'atu jira; kaayu'uuf henna'atu jira; gatu'uufillee henna'atu jira. Tarsaasu'uuf henna'atu jira; hodhu'uufillee henna'atu jira; cadhisu'uuf henna'atu jira; dubbachu'uufillee henna'atu jira. Jaalachu'uuf henna'atu jira; jibbu'uufillee henna'atu jira; lolaaf henna'atu jira; nagayaafillee henna'atu jira. Bu'aan dadhabbii hojjata'aa maali'i ree? Hujii ulfaataa namni haa itti dadhabu'uuf Rabbi kenneef argeera. Waa maraa Rabbi hennaa ufiititti bareechisee hojjate; hujii Rabbi dur irraa jalqabee hojjate namni akka qoratee hin beenne godhe; Rabbi nama keessa akka bara baraan jiraatu akka beeku kenneef; garuu Rabbi waan jalqabaa haga dhumaa jiru akka beeku beekumsa guutuu hin kennineef. Namni hennaa lubbu'uun jiru waan mishaa hojjatuu fi waan inni ittiin gammadu malee wonti biraa mishaan akka hin jirre hubadhe. Namni maruu akka nyaatee dhugu waan ufii itti dadhabetti akka gammadu arjummaa Rabbiiti. Wonti Rabbi godhe akka bara baraan jiraatu ani hin beeke, isatti eda'uun yookaan isa irraa dhidhisuun hin danda'amu; Rabbi akka isa sodaataniif kana godhe. Wonti amma ta'a'aaru duruma jira; wonti ta'a'aarullee duruma ta'eera; Rabbi waanuma dura darbe deebisee fida. Akkasuma sami'ii gaditti bikka fayyaalumma'aa dharti; bikka murtii qajeela'aa hammeenni akka baay'ate arge. Ani garaa kiyya keessatti «Wonta ta'u maraa fi hujii maraafuu hennaan waan jiruuf Rabbi nama cubbama'aa fi nama qajeelaallee gara murti'ii fida» jedhe yaade. «Ilmi namaa horii irraa garaa garummaa akka hin qabne ta'uu isaanii akka hubatan Rabbi isaan qora» jedhee yaade. Hireen ilma namaatii fi hireen hori'ii tokkoma; akkuma tokko du'u, kuunillee du'a; hafuurri maraatuu tokko; maruu waan gatii hin qabne ta'eef namni horii hin caalu. Martinuu hulema tokko dhaqa; maruu biyyee irraa waan uumameef gara biyye'ee deebi'a. Lubbuun ilma namaa ol akka baatu, lubbuun busaawa'aa garuu akka gara lafaa gad buutu eentu beeka? Kanaafuu hireen namaallee kanuma waan ta'eef hujii mishaa ufii hojjatutti gammaduu malee wonti biraa ka inni huju akka hin jirre hubadhe; wonta isaan maayessa ta'u akka argu ka taasisu eennu? Ani ammallee deebi'ee hammeenna sami'ii gaditti ta'u maraa arge; Namoonni guddisanii dhiibaman namoota isaan jajjabeessu dhabanii booyan; namoonni isaan miidhan hunnaan isaan miidhan. Ani namoota adha lubbu'uun jiran caalaa namoonni dur dhuman akka worra gammachuu qabu ta'an hubadhe. Garuu kanniin lamaan caalaa daa'ima uduu hin dhalatin garaa jiru ka waan hamaa sami'ii gaditti ta'a'aaru kana hin argine woyya. Akkasuma dadhabbiin namaatii fi hujiin ogummaa isaa hiriyyaa isaa akka hinaafsisu arge; kunillee gatii hin qabu; akka nama qilleensa duukaa deemuuti. Namni gowwaan harka ufii maratee taa'a; jireenna ufii balleessa. Waan dadhabbii gudda'aan irkisaa lamaa argatan irra; hara baafannaa diqqo'oon irkisaa tokko argachuu woyya. Ani ammallee waan gatii hin qabne ka sami'ii gadii maraa arge. Nama hojja ufii jiraatu tokkotu jira; inni ilmaa fi obboleessallee hin qabu; namni kun hennaa maraa hujee hin hifatu; garuu qabeenna argatuun nagaye hin jedhu; inni «Ani eennuuf dadhaba? gammachuu kiyya maaf uf irraa balleessa?» jedhee uf gaafata; kunillee waan gatii hin qabne; jiruu rakko'ooti. Bu'aan hujii isaanii waan mishaa ta'uu danda'uuf nama tokko ta'uu irra nama lama ta'uu woyya. Isaan lamaan keessaa namni tokko yoo kufe hiriyyicha isaatitu ol qaba; namni hojja ufii jiru garuu yoo kufe nama lafaa isa kaasu waan hin qabneef attam nama gaddisiisa? Namni lamaa yoo woliin rafe isaan lachuu wolitti oo'an; nama hojja ufii rafu maaltu itti oo'a? Balaa namni tokko hin dandeenne nama lamaan uf irraa dhooggan; haanni dacha'aan dhaddoo dhayame dafee hin citu. Nama gowwaa gorsa fudhachuu hin beennee fi jaarsa mootii irra dargaggeessa hiyyeessa ogeessatu caala. Dargaggeessichi mana hidha'aa keessaa bayee mootii ta'e yookaan biyyuma itti dhalate keessatti hiyyeessa ta'uu danda'a. Hennaa tokko baniin maruu dargaggeessa hulee mooti'ii bu'u hennaa hordofan arge. Hennaa inni mootii ta'ee bulchu namni isa hordofu baay'e'e; hennaa inni mootummaa irraa bu'e waan inni godhe saniif namni isa jajate hin jiru; kunillee gatii hin qabu; akka waan qilleensa duukaa deemu'uuti. Hennaa gara mana Rabbii deemtu miila kee eeggadhu; dhagayuu fedhuun ciincaa worra gowwa'aa caala; isaan akka waan hamaa godha'aaran waan hin beenneef. Rabbi samii'i; ati garuu lafa irra waan jirtuuf Rabbiin afo'otti waa dubbachu'uuf hin jarjarin; kanaafuu dubbiin kee diqqoo haa ta'u. Akkuma baay'inna huji'iitiin eebjuu argan bakka dubbiin baay'een jirutti dubbiin gowwa'aa mudhata. Kanaafuu Rabbi worra gowwa'atti hin gammadu; hennaa Rabbii waa kennu'uuf woreega galte waan woreega galte san dafii raawwadhu. Woreega galte san yoo ka hin raawwanne taate uduu woreega galuu baattee sii woyya. Gara cubbu'uu akka si hin masakkine arraba kee eeggadhu; hojjataa mana woyyu'uutiin «Dogoggoraan woreega kennee ture» jettee hin dubbatin; Rabbi waan ati dubbattetti aaree hujii harka keetii maaf balleessa? Bakka eebjuun jiru, akkasuma bakka dubbiin hedduu jiru, bakka san waan gatii hin qabne baay'e'etu jira; ati garuu Rabbiin sodaadhu. Biyya keessatti yoo hiyyeessi gad qabame, handhi dabee, yoo mirgi dhiibamee argite waan kanniin hin maalalfatin; sababaan bulchaa tokko ka gubba'aatitu arga; kanniin lamaa gubbaallee ka biraa ka isaanii oliititu jira; Bu'aan lafa irraa argamu ka maraati; mootichinuu qonna irraa fayyadama. Namni birrii jaalatu birrii hin quufu; namni durummaa jaalatu nagaya hin jedhu; kunillee gatii hin qabu. Yoo qabeenni guddate ka nyaatutu baay'ata; ka qabeenna wolitti qabe sun ijuma calla'aan laala malee maal isaa godha? Diqqaa nyaatee'e guddaa nyaatee'e hirribni hojjata'aa mi'aaya'a; qabeenni nama dureessaa garuu hirriba isa dhoogga. Sami'ii gaditti ammallee waan hamaa nama gaddisiisuu arge; qabeenni tuulame abbama miidha. Durummaan waan hamaa tasaa uumamuun bada; hennaa finni dhalatuuf wonti isaa hafu hin jiru. Namni akkuma garaa haadha ufii keessaa qullaa dhalate akkasuma qullaa deebi'a; waan ufii itti dadhabe keessaa tokkollee harka ufiititti fudhatee ka deemu hin jiru. Kunillee guddisee hama'a; namni akkuma dhufeen waan deebi'u yoo ta'e dadhabbiin isaa qilleensaaf yoo ta'e bu'aa maal qaba? Barri jireenna isaa maruu dhiphinna baay'ee rakkinna, biibbayu'uun dukkana keessatti nyaattama. Wonti mishaanii fi bareenni ani arge, namni bara jireenna ufii guutuu akka nyaatee dhugu, sami'ii gaditti waan itti dadhabe marattuu akka gammadu, kun hiree mishaa Rabbi isaa kenne. Rabbi nama maraafuu qabeennaa fi durummaa kennuun, isa irraallee nyaatee gayaa ufii akka fudhatu, dadhabbii ufiititti akka gammadu leenjisuun isaa, kun kennaa Rabbiiti. Waan kana mara irrattuu Rabbi gammachuu waan kenneefiif gabaabbinnaa fi dheerinna umurii isaatiif hin yaaddayu. Sami'ii gaditti waan guddisee hama'aa ka nama irra gayu arge. Rabbi durummaa'a, qabeennaa fi kabajjaa namaa kenne; waan namni fedhu maraa hin dhoogganne; garuu qabeenna isaa kana ka biraatitu nyaata malee inni itti hin gammadu; wonti kun waan gatii hin qabne; dhibee hama'a. Namni ijoollee dhibbaa uduu uumatee woggaa hedduu jiraatee lubbuu ufiitiin uduu hara baafachuu baatee dhuma irratti garuu ulfinnaan gara du'aa yoo hin deemne ani waan nama saniitiif guddisee gadda; nama san irra ka gara'atti du'ee baye woyya jedhe. Sababaan ka garaa haadhaatitti du'e sun irraanfatamee gara dukkanaa waan isa fidaniif durumaa silaa uduu dhalachuu baatee isaa woyya. Inni ifa adu'uu uduu hin argine maalummaa jireennaa uduu hin beenne du'e. Kanaafuu hennaa lama woggaa kumaa qabeenna ufiitiin uduu hin gammanne yoo jiraate faayidaa maal isaa qaba? isaan lamaanuu hulema tokko ka wol fakkaatu waan dhaqaniif. Namni wonti dadhabuuf woma gara'aatiif; garuu «Nagaye!» hin jedhu. Eegasuu namni ogeessi nama gowwaa maali'iin caala ree? nama hiyyeessa jiraachise'eef faayidaa maal argata? Hawwi'iin jal jal jechuu irra ijaan arguu woyya; kunillee waan gatii hin qabne; akka waan qilleensa duukaa deemu'uuti. Wonti amma jiru maruu woma dura maqaan kennameef; wonti namni ta'u woma dur murtaayeef; waan jabaa hunna qabu ka isaan caalu uf irraa dhoogguu hin danda'an. Akkuma dubbiin baay'ateen wonti gatii hin qabne baay'ata; eeganaa kun namaa maal fayyada? Bara gatii hin qabne ka akka gaaddiddu'uutitti lufu keessatti namni waan namaa tolu beeku eennu? yookaan haga du'een maayessa sami'ii gaditti maaltu akka raawwatamu eentu namatti himuu danda'a? Urgoo mishaa irra maqaa mishaa, guyyaa dhalatan irra guyyaa du'aa woyya. Mana waa itti nama affeeran dhaquu irra mana booyaa dhaquu woyya; inni dhuma nama maraa waan ta'eef duuti ta nama maraa irra geettu akka taate waan nama hubachiiftuuf. Kolfuu irra gadduu woyya; fuulli gadde gara'aaf waan misha'a. Garaan nama ogeessaa gara mana gaddaati; garaan gowwa'aa garuu gara mana gammachu'uuti. Faaruu worra gowwa'aa dhagayuu irra; dheekkamsa worra ogeeyyi'ii dhagayuu woyya. Kolfi nama gowwa'aa akka qoree ibiddaan keree jalatti gubatuu waan ta'eef kunillee waan gatii hin qabne. Miidhaa raawwachuun nama beekaa akka nama gowwa'aa godha; gabbarsuu nama irraa fudhachuunillee amala mishaa nama jalaa balleessa. Jalqaba waan tokkoo irra dhumaa woyya; nama uf jaju'uun dubbatu irra nama obsu woyya. Lolli bobaa worra gowwa'aa jala waan jiruuf ati lolaaf hin ariifatin. «Bara kana irra barri durii maaf woyyaa ta'e?» jettee hin gaafatin; gaafiin akkanaa kun gaafii nama ogeessaa waan hin taaneef. Ogummaan waan mishaa akka lafa qabaachu'uuti; namoota sami'ii gad jiraatan maraa hin fayyada. Akkuma horiin gaaddisa ta'u ogummaanillee gaaddisa taati; caaluun beekkumsaa garuu ogummaa jireenna abbaa ufii eegu'uuti. Mee hujii Rabbii laali; ka inni dabse eentu qajeelcha? Yoo hennaan mishaa ta'e gammadi; yoo hennaan badaa ta'ellee hubadhu; kanaa fi sanillee ka uume isuma; kanaafuu namni waan isaa ka uf afo'oo beekuu hin danda'u. Bara kiyya ka gatii hin qabne kanatti waan lamaan argeera; namni hamaan waan hamaa hojjatee woggaa dheeraa yoo jiraatu, namni mishaan garuu mishummaa ufiitiin hennaa badu argeera. Kanaafuu ati akka hin banne guddiftee nama ogeessa hin ta'in; guddifteellee nama qajeelaa hin ta'in. Uduu hennaan kee hin geenne akka hin duune guddiftee nama hamaa'a, guddifteellee nama qajeelaa hin ta'in. Waan tokko qabatanii ka biraa gad dhiisuu diduun waan misha'a; Rabbiin sodaachuu keessa kun maruu argama. Bulchoota kudhanii ka qachaa tokko keessa jiraatan irra ogummaan nama ogeessa hin jabeessiti. Namni waan sirrii ta'e hojjatu; ka sirima cubbuu hin hojjanne qajeelaan lafa irra hin jiru. Waan dubbatamu maraa dhagayu'uuf hin badadin; yoo ta'uu baate hennaa hojjataan kee si abaaru dhageetta. Hennaa baay'ee atinuu akka nama baay'ee abaarte garaa keetittuu hin beeta. Waan kanniin maraa ogumma'aan qoradhee ani ogeessa ta'a jedhe; ogummaan garuu na irraa fagaatte. Wonti ogumma'aa woma fedhellee yoo ta'e guddisee keessa gad qile'ee fi fago'o; eentu bira gayuu danda'a? Kanaafuu ani ogumma'aa fi dhuma waa maraa qoradhee beeku'uuf, cubbuun gowwummaa; gowwummaanillee maraattummaa akka ta'e beekee yaada kiyya biraa deebise. Ani waan du'a caalaa hadhaaya'aa qoradhee arge; isiinillee dubartii akka siibo'ootitti nama gaaditu dubartiin jaalala isi'ii ka akka woshaado'ootiin dhiira gaaditi; harka isi'ii ka akka sibiilaatiin namatti maramtee nama qabuu barbaaddi nama Rabbiin sodaatu calla'atu dheessee isii jalaa bayuu danda'a; nama cubbamaa garuu ariitee qabdi. Ogeessichi akkana jedha «Wonti ani wol duraa duubaan qoradhee arge ka biraa kana; kunillee deebii biraa barbaadee dhabuu kiyya; dhiira kumaa keessaa ka qajeela'aati jedhamuun isa barbaachisu nama tokko callaa arge; dubartoota keessaa garuu qajeeltuu takkallee hin argine. Wonti biraa ka ani qoradhee bira gaye, Rabbi namoota garaa isaanii qajeelaa godhee isaan uume; isaan garuu dhara xaxamaa uuman.» Namni akka nama ogeessaa ta'e eennu? ka wontoota hiikuu beeku eennu? ogummaan nama keessaa fuula namaa ibsiti; nyaara namaallee hin jijjiirti. Mooti'iif hin ajajama jettee waan kakatteef waan inni si ajaje eegi siin jedha. Inni waan fedhe si godhuu waan danda'uuf akka inni kara'aa si hin dhooggine ati hin jarjarin; waan hamaa jabaattee itti hin irkatin. Dubbiin mooti'ii ka hunna qabu waan ta'eef eentu «Ati waan kana maaf goota?» jedhee gaafata? Yoo ajaja isaa raawwatte miidhamni si irra hin gayu; hennaa wonti kunniin itti raawwatamu fooyee ka beeku nama ogeessa calla'a. Rakkoon namaa guddaa ta'ullee wonti maruu hule'ee fi hennaa qaba. Namni waan uf afoo ta'u waan hin beenneef; waan dhufu'uuf jiru eentu itti himuu danda'a? Namni hafuura jireennaa hambisuu fi guyyaa du'aa jijjiiruu danda'u hin jiru; akkuma eennullee bakka lolaatii nagaya dhaamatee deemuun hin danda'amne waan hama'aa fi nama waan hamaa hojjatullee gad hin dhiisu. Waan adunyaa tana irratti ta'u maraa guuttadhee laalee kana maraa hubadhe, namni tokko nama biraa miidhu'uuf hennaa bulchaa ta'utu jira. Akkasuma hammeeyyiin hulee woyyuu seena'aa baya'aa turan akka awwaalaman hin arge; bakki isaan jallinna keessatti hojjata'aa turanillee isaan hin qaabatu; kunillee waan gatii hin qabne. Nama waan hamaa hojjatu irratti daddafanii waan hin murteessineef garaan isaanii garaa jabaatee waan hamaa hojjate. Namni cubbamaan hennaa dhibballee yoo yakka hojjate woggaa baay'ee jiraata; worri Rabbiin sodaatanii fi kabajjan garuu wonti maruu akka isaanii qajeelu hin beeka. Cubbamaan garuu Rabbiin waan hin sodaanneef barri isaa akka gaaddisaa dheerata'aa hin deemu. Waan hamaa adunyaa tana irratti hojjatamutu jira; hennaa tokko tokko namoonni woyyoonni adabbii worri cubbamtootaa argatantu isaan irrallee gaya; worri cubbamtoonni garuu gatii worri woyyootaa argatan fudhatan; garuu wonti kun waan gatii hin qabne. Namni adunyaa tanatti waan nyaatee dhugu waan hujii isaatitti gammaduu malee wonti mishaan biraa waan hin jirreef ani guddisee gammade; adunyaa tana irratti namni umurii Rabbi isaa kennetti dadhaba'aa waan dadhabbii ufiititti gammada'aa jiraata. Ani nama ogeessa ta'u'uu fi waan adunyaa tana irratti hojjatamu qoradhee haga beeku'uuf yaale namni halkanii fi guyyaa uduu hara hin baafanne akka jiraatu arge. Namni haguma fedhellee yoo waa qorate waan Rabbi godhu beekuu akka hin dandeenne hubadhe; namni haguma fedhe waa qorachu'uuf yoo dadhabellee hiikkaa isaa tokkollee argachuu hin danda'u; namoonni ogeeyyiin «Nu waan kana hin beenna» yoo jedhanillee sirima hubachuu hin danda'an. Waan kanniin hennaa dheera'aaf haga yaadeen maayessa hujiin namoota hammeeyyi'iitii fi ka namoota woyyootaa akka Rabbiin harka jiru hubadhe; kanaafuu waan uf afoo isa irra gayu jaalala ta'ee'e jibbansa namni beeku hin jiru. Hireen nama maraa ka nama woyyu'uutii fi ka nama yakkama'aa, ka nama misha'aatii fi ka nama hama'aa, ka nama qulqullu'uutii fi ka nama batti'iillee worri ciincaa dhiyeessanii fi worri hin dhiyeessinellee carraan dhuma isaanii tokkoma; namni mishaan hiree nama cubbama'aa irra woyyaa ta'e hin qabu; namni kakuu sodaatu, nama kakuu ugguun garaa garummaa hin qabu. Waan sami'ii gaditti hojjatamu maraa keessaa hamaan woma namoonni maruu dhuma irratti argatan; kana irrattillee garaan namootaa ka hammeennaan guuttame; bara jireenna isaanii maraa keessatti maraatumma'atu garaa isaanii keessa jira; kanaan maayessa garuu hin du'an. Sareen hin duune ta lubbu'uun jirtu leenca du'e irra woyya'a; namni waan lubbuu qabu maraa woliin yoo wolii galee jiraate abdii qaba. Namoonni lubbu'uun jiran guyyaa tokko akka du'an hin beekan; worri du'an garuu womaa hin beekan; isaan waan sirima irraanfatamaniif gatii hin qaban. Jaalalli, jibbansinii fi hinaaffaan isaaniillee isaanuma woliin du'e; waan sami'ii gaditti ta'u maraa isaan baraa haga bara baraa sirima qooda hin qaban. Wonti Rabbi sii kenne kana waan ta'eef deemii dhiyana kee nyaadhu, daadhii woyini'ii keellee dhugii gammadi. Hennaa maraa uffata adii uffadhu, mataa kee dhadhaa dibadhu. Jireenna gatii hin qabne ka Rabbi sami'ii gaditti sii kennetti haadha manaa tee ta jaalattu woliin gammadi; waan rakkoo keetiitii fi waan dadhabbii keetii gatiin sii kenname kana waan ta'eef bara kee ka gatii hin qabne kanatti guyyama guyya'aan gammadi. Hunna qabdu maraanuu hujii kee maraa jabaadhuu raawwadhu; yoo duutee worra du'anitti eda'amte hulee sanitti hujiin, yaanni, beekkumsinii fi ogummaan waan hin jirreef. Wonti sami'ii gaditti arge ka biraallee hin jira; kunillee worri fiigu fiigicha ufiitiin hin mooyatan, loltoonni lolanii mootee hin argatan; ogeeyyiin dhiyana ufii ka guyya'aa worri qaroon durummaa hin argatan; namoonni dandeettii qaban dandeettii ufiitiin muudamaan hin guddatan; garuu kunniin maruu hiree ufii argatan. Namni maruu hireen kun yoom akka isa irra gawu hin beeku; akkuma handariin barartee siiboo keessa seentu, akkuma qurxummiinillee uduu hin beenne woshaadoo isaan qaban keessa seenu akkasuma ilmi namaallee uduu hin beenne tasa waan isa qabu keessa seena. Sami'ii gaditti wonti ani arge ka biraallee hin jira; kunillee guddinni ogumma'aa fakkeenna ta'u'u; qachattii diqqoo baniin hagoon keessa jiraatu takkatu jira; mootiin hunna qabu tokko dhaqee isii marsee isii irratti kushee guddaa ijaare. Hiyyeessi ogeessi qachaa san keessa jiraatu tokko ogummaa ufiitiin qachattii san oolche; nama hiyyeessa ogeessa san garuu eennullee isa hin qaabanne. kanaafuu «Ogummaan hunna caala» jedhe; ogummaan nama hiyyeessaa garuu hin tuffatama wonti inni jedhullee jalaa hin dhagayamu. Iyyansa bulchaa tokkoo ka worra gowwaa wodhakkaa dhaabatee iyyu caalaa'a, dubbiin ogeessi suuta dubbatu hin caqafama. Ogummaan meeshaa woraanaa caala; cubbamaan tokko garuu waan mishaa baay'ee balleessa. Tiisifni dhume urgaa dhadhaa urgeeffamee ajeessa; akkasuma gowwummaan diqqoon ogumma'aa fi kabajjaa balleessa. Namni ogeessi waan mishaa hojjachuun, namni gowwaan garuu dogoggoruun woma jiru. Namni gowwaan hennaa karaa irra deemu waa hubachuu hin danda'u; gowwummaa ufiillee hulema gayetti uf irratti beessisa. Obsi balleessaa guddaa waan hambisuuf hennaa mootichi siin lole ati hulee kee gad hin dhiisin. Wonti badaan biraa ka ani sami'ii gaditti arge hin jira; kunillee dogoggora worri biyya bulchu dogoggoru. Worri gowwaan hennaa baallii guddaa argatan, dureeyyiin garuu hulee gad aanaa taa'aniiran. Garboonni yoo farda irra taa'an, worri murtii murteessan garuu akka garbootaatitti hennaa lafa irra deeman arge. Namni boolla namaa qotu ufii itti kufa; nama dallawa diigu bofatu idda. Namni dhagaa fonqolchu ufii itti miidhama; namni gudeelcha baqassullee hin miidhama. Namni dhagaraa doome hin qarre hunna guddaa fixata; ogummaan garuu bu'aa gudda'aan isa gaya. Haga bofni nama iddeen maayessa qorichi hadhaa bofaatiin balleessan womaa bu'aa hin qabu. Namni ogeessi dubbii ufiitiin ulfinna argata; namni gowwaan garuu dubbima ufiitiin bada. Namni gowwaan dubbii ufii gowwumma'aan jalqabee maraatuu gudda'aan fixa. Namni gowwaan dubbii guddisa waan uf afoo ta'u hin beeku; waan isaan maayessa ta'ullee eentu itti himuu danda'a? Hujiin gowwa'aa isuma dadhabsiisa; karaa gara qacha'aa isa fidullee hin beeku. Biyya mootii dargaggeessa gowwaa ta'e qabduu fi bulchoota ganamaan nyaata'aa dhugan qabdu isii hobbaasi. Biyyi mootii akka misha'atti guddatee fi bulchoota hunna argachu'uuf jedhanii hennaa murtaayetti nyaatanii dhugan qabdu ta kabajjamte. Namni yoo mana midhaassuu baate, manni sun hin daba; ginnoon mana saniillee hin dhim'isa. Gammachuun dhiyanaa fi daadhii woyini'ii irraa argamti; martinuu garuu horii malee hin argamtu. Namni na hin dhagayu jettee dhossa'aan mootii hin hamatin; hulee raftuttillee dureessa hin arrabsin worri dubbii namaa butuu danda'an akka simbira barartuutitti dhufanii dubbii si jalaa himuu waan danda'aniif. Buddeena kee bisaan irra buusi; guyyaa baay'e'een maayessa deebitee waan argattuuf. Ati uf afoo waan sami'ii gaditti ta'u waan hin beenneef qabeenna qabdu maraa hulee torba yookaan hulee saddeetitti qoodii kaayi. Duumessi hennaa bisaan uf keessatti qabate, gara lafaa gad roobsa; munni gara kibbaa yookaan gara kaabaatitti yoo kufe, hulema itti kufe san ciisa. Namni qilleensa eegu womaa hin facaasu, ka duumessa laalullee womaa hin haamatu. Akkaataa qilleensi itti deemuu fi akkaataa namoonni garaa keessatti uumaman akkuma hin beenne Rabbiin waa maraa uume attamitti akka hujii ufii itti hojjatu beekuu hin dandeettu. Ganama sanyii kee facaasi; galgalallee hujii hin dhiisin; kana ta'ee'e, yookaan san ta'ee'e yookaan lamaanuu waan ta'u waan hin beenneef. Ifni misha'a; ifa adu'uu laaluun ija naatitti tola. Namni haguma fedhellee yoo bara baay'ee jiraate; kana marattuu haa gammaduu; garuu guyyoota dukkanaa san haa yaadatuu isaan waan baay'ataniif, wonti dhufu maruu gatii hin qabu. Yaa dargaggeessa! dargaggummaan waan guddisee mishaa ta'eef dargaggummaa keetitti gammadi; garaa keetiinillee guddisii gammadi; waan ijji tee argituu fi waan onneen tee yaadde maraa raawwadhu; garuu waan kanniin maraafuu Rabbi gara murti'ii akka si fidu beeki. Kanaafuu dhiphachuu garaa kee keessaa fageessi, waan hamaa nafa kee keessaa balleessi, dargaggummaanii fi jabeenni waan gatii hin qabneef. Barri hamaan uduu hin dhufin, woggoonni ati, «Natti hin tolu» jettu uduu hin dhufin bara dargaggummaa keetii uumaa kee qaabadhu. Aduunii fi ifni, addeessinii fi urjiiwwanillee uduu hin dukkanoofne, Roobaan maayii duumessi uduu hin deebine, worri mana eegan hin hollatan, worri jajjabaan yoo goorratan; dubartiin midhaan daattu daakuu yoo dadhabdu; worri fodda'aan laalan yoo arguu dadhaban; Hennaa balballan gara raasa'aa baasu cufaman, hennaa laagaan midhaan daattu'uu hin dhagayamne, namni yoo woca simbiraatiin dammaqu, hennaa faaruun maruu dadhabu, Goodda bayuun yoo dadhabamu, yoo karaan sodaachisu, yoo daraaraan mukaa addaatu, yoo korophiifni lafa irra harkifamu, yoo fedhii dhaban, hennaa san namni gara mana ufii ka bara baraa dhaqa; worri isaa booyan asii fi achi naannayan. Faayyi mormaa ka birrii irraa hojjatame uduu hin cinne, saaniin worqi'ii uduu hin cabne, otteen bisaaniin woraaban burqaa bisaanii biratti uduu hin butunne, yookaan korboon bisaaniin woraaban uduu hin cabin, Biyyeen gara lafa irraa dhufeetitti uduu hin deebine, hafuurri gara Rabbii isa kenneetitti uduu hin deebine, uumaa kee yaadadhu. Lallabaan «Gatii hin qabu, gatii hin qabu, wonti maruu gatii hin qabu!» jedhe. Lallabaan ogeessa callaa hin turre; garuu baniillee beekkumsa barsiise; inni mammaaka baay'ee qoratee hubatee duraa duubaan qopheesse. Lallabaan jechoota sirri'ii qorate; kanaafuu wonti inni barreesse waan qajeela'aa fi dhugaa ture. Dubbiin ogeessaa akka ulee tisseen hori'iin ooftuuti; mammaanni wolitti qabame akka mismaara waa wolitti dhayuuti; isaan kunniin Rabbii nu maraa eegu irraa nuu kenname. Ilma kiyya! Waan kana maraa caalaa gorsa kiyya dhagayi; kitaabban barreessanii fixuun hin danda'amu; guddisanii waa qoruunillee nama dadhabsiisa. Kunoo wonti maruu himameera; dhumti waan maraatuu kana; Rabbiin sodaadhu, ajaja isaa eegi; kun waan ijoo namni godhuu qabu. Rabbi waan hama'aa fi waan mishaa nu dhossa'aan goonu maraa gara murti'ii fida. Weedduu Solomoonii ka weedduu maraa caalu. Jaalalti tee daadhii woyini'ii waan caaltuuf, afaan kiyya keessa na dhungadhu. Urgoon ati dibattu akka bookaa urgoofti; maqaan kee akka dhadhaa urgo'oo ka jigeetitti foolii qaba; kanaaf durbi bareeddu maruu si jaalatti. Harka na qabadhu ufitti na fudhadhu dafnee fiinnaa; mootii kiyya gara gola keetii na geessi. Nu'u sitti gammanna; guddisee nutti tola, jaalala kee daadhii woyini'ii caalaa jaalanna; Akkana si jaalachuun isaanii sirri'i; Isin babbareeddan Yerusaalemii! na dhagayaa'a; ani gurraatti'i, haa ta'uu malee bareeddu'u; guraachinni bifa kiyyaa akka daasee Qeedaariiti; bareeddinni kiyyallee akka golga mana mootumma'aa ka Solomooniiti Wonti bifti kiyya gurraachateef waan aduun na gubdeef; kanaafuu waan guraachadheef xiinxallitanii na hin laalinaa'a; ilmaan haadhaa tiyya waan natti aaraniif dhaaba woyini'ii na eessisan; kanaafuu ani hulee dhaaba woyini'ii kiyya hin dhiise. Jaalalloo kiyya! yabo'oo mee natti himi; hoolota tee eessa bobbaafta? guyyaa akka isaan hara baafataniif eessa fidda? ani wonti si soqaa akka intala fuulatti haguuggattee gobbuu goshoota teetii faanaa olii gad raantawuuf maali'i? Ati ta dubartoota maraa caalaa bareeddu! yoo ka hulee hin beennee faana hoolota tiyyaa dhayi; ilmoolee re'iin teetiillee daasee worra re'iin tissanii biratti bobbaasi. Jaalalloo tiyya! ati ganyaa fardaa ka faradoo gaarii Fari'oonii harkisu keessaa akka takkaati. Boqoon fuula keetii bareeda looko'o; mormi kee ka faaya gatii gudda'aatiin bareede. Nullee faaya looti'ii worqii irraa sii hujjisiifna. Mootichi uduu nyaataaf taa'eeru, urgoon nafa kiyyaa isatti urgaaye. Jaalalloon kiyya hennaa harma kiyya lamaan jidduu ciisu urgaan isaa akka urgaa bookaatitti natti urgaaye. Jaalalloon kiyya akka abaaboo hulee dhaaba woyini'ii ka Ayingaad jedhamu ka hulee lafa gammoojji'iititti biqileeti. Goshoo tiyya! ati akkam bareedda! attam midhaaddeerta! ijji tee akka ija handari'iiti. Jaalalloo tiyya! atillee bareeda; guddiftee nama gammachiifta; sireen keennallee akka marga lalisa'aa nama gammachiisa. Utubaan mana keennaa utubaa muka Libaanosiiti; ginnoonillee muka hindheessaatiin ijaarameera. Ani akka abaaboo lafa gammoojji'iitii fi akka abaaboo arfaasa'aati. Jaalalloon tiyya dubartoota keessaa akka abaaboo bareedaa qoree keessaa mudhatuuti. Jaalalloon kiyya hennaa dargaggeeyyi'iin wol bira qabamu akka muka hurbu'uu ka daraaraa isaa nyaataniiti; anillee jaaladhee gaaddisa isaa jala taa'ee hara baafadhe; daraaraa isaa nyaadhee natti mi'aaye. Gara mana nyaataa na seensise; kaayoon inni na irraa qabu jaalala. Ani waan guddisee isa jaaladhee dhibameeruuf daraaraa woyini'ii na nyaachisaa'a; muka hurbu'uu ka daraaraa isaa nyaataniinillee na gammachiisaa'a. Harka ufii ka bita'aa na boraasisa; harka mirgaatiin garuu na ammata. Isin babbareeddan Yerusaalemii! jaalalloo kiyya ka akka borofaatii fi ka akka gadamsa muka keessaa, haga inni ufumaa ka'utti tuxxanii isa hin dammassinaa'a. Faaruu Lammeesso'oo Jaalalloon kiyya hennaa gaarranii fi tulloota irra utaala'aa daddarbama'aa dhufu; laagaan isaa hin dhagayama. Jaalalloon kiyya borofa yookaan ilmoo gadamsaa fakkaata; Ani hennaa fodda'aan isa laalu dallawa keenna duuba dhaabateera. Jaalalloon kiyya akkana naan jedha; Jaalalloo tiyya! ka'i; bareedduu tiyya koottu. Ganni lufeera; roobni dhaabateera; hulee gara garaatitti daraaraan daraaree mudhatuu jalqabeera; hennaan faaru'uullee gayeera; laagaan handari'iillee dhagayama'aara. Munni hurbu'uu daraaruu jalqabe; woyiniinillee daraare; abaaboonillee urgaaye kanaafuu jaalallee tiyya! ka'i; bareedduu tiyya! koottu woliin deemnaa. Ati akka handarii goda keessatti dhokatteeti; mee hennaa tokko fuula kee na argisiisi; laagaa kee dhageessisi; qoonqi kee namatti tola; fuulli kee bareeda. Waan woyiniin keenna daraareef jeedallanii fi jeedallan ka woyinii keenna balleessan siibo'oon nuu qabaa'a. Inni jaalalloo kiyya; anillee ta isaati; horii ufii abaaboo keessatti bobbaafata. Jaalalloo kiyya! uduu lafti hin bariine uduu qilleensi bariisa'aa hin kaane akka ilmoo borofaa yookaan akka ilmoo gadamsaa gaara irra utaala'aa koottu. Ka garaan kiyya jaalatu halkan guutuu siree kiyya irra ta'ee hawwe; garuu barbaadee hin arganne. Ani amma ka'ee qachoota keessa naannaya'aa ka garaan kiyya jaalate karaa ijoo namni keessa deemuu fi raasaa keessa isa soqee garuu hin argine. Worra qachaa naannaya'aa eegan argee «Ka garaan kiyya jaalate argitanii?» jedhee isaan gaafadhe. Ani isaan bira diqqoo achi lufee ka garaan kiyya jaalate san argadhe; jabeessee qabadhe; gara mana haadha tiyyaa geesse, gola ufii itti dhaladhetti galfadhe. Isin babbareeddan Yerusaalemii! jaalalloo kiyya ka akka borofaatii fi gadamsa muka keessaa haga inni ka'utti isa hin dammassinaa'a. Faaruu sadeesso'oo Ta akka qumbii waan gara garaatiin wolitti makamee tolfamee ka daldalaan fiduu fakkaattu ta biyya gammoojji'iitii dhuftu tun eennu? Isiin konkolaataa fardaa ka Solomooniitiin namoota gugurdaa Israa'eliitii fi namoota Solomooniin eegan woliin kabajja'aan dhufa'aarti. Isaan maruu worra akka meeshaa lolaa itti qabatan leenji'anii fi worra lola keessatti qormaataman; namni maruu balaa halkan dhufu dhooggu'uuf akkuma guraadee hidhatanitti bulan. Teessoon Solomoon konkolaataa fardaa keessatti irra taa'u muka Libaanosii irraa hojjatame. Lutti teessuma isaa birri'iin dibame ka inni itti irkatu ka worqi'iin bareechifame teessuma isaallee uffata diimaa dhiilgee itti uwwisan keessa isaa babbareeddan Yerusaalemiititu midhaassee hojjateef. Isin babbareeddan Tsiyoonii! mooticha Solomooniin laalu'uuf koottaa'a; inni guyyaa cidha isaa gammadee gulloo ulfinnaa ka haati isaa mataa isaatitti goote godhateera. Jaalalloo tiyya! Ati attamitti bareedda! attamitti namatti tolta! ijji tee akka ija kuula handari'iititti bareeda rifeensi kee ka mata'aa tika re'iinii ta gaara Gila'aadii irraa gad hurriftu fakkaata. Ilkaan kee akka hoolota hennaa rifeensi isaanii muramu nafti isaanii dhiqamee bisaan keessaa bayaniiti; hoolonni tunniin maruu lakku lakkuu dhaluu malee isaan keessa maseenni tokkollee hin jiru. Hidhiin tee jirbii diimaa dhiilgee iddame fakkaata; haasofni kee namatti tola; boqoon tee lamaan roomaanii bakka lamatti addaan dhooye fakkaatti; shaashii ati haguuggatte keessaan mudhatti. Mormi kee goom'ee rarraasa'aa ka Daawitii ka wonteen gugurdaan kumni tokko itti fannifamu ka wonteen goototaa hundinuu itti rarraafaman fakkaata. Guntunni kee lachuu akka ilmoolee borofaa ta lakkuu dhalattee abaaboo suufi'ii keessa dheedduu fakkaata. Faaruu arfeesso'oo Ani uduu lafti hin gagaarranne uduu aduunillee hin baane, gara gaara karbeen irratti biqiluu, gara gaara hixaanaallee hin dhaqa. Jaalalloo tiyya qaamni kee guutuun bareeda; mudaa takkallee hin qabdu. Idaayyittii tiyya! Libaanoosiin irraa gara kiyya koottu; Ee gara kiyya koottu; goda leencaa, gaara qeerransaa, Roggee Eermoonii irraa, qaccee Saanerii irraa Roggee tulluu Amaana'aa irraa gad bu'i. Obboleetti tiyya idaayyaa jaalallo'oo ati midhuu takkatti'iin, dirata morma keetiitiinillee laphee na raafte. Obboleettii tiyya idaayyaa jaalallo'oo, jaalalli kee attam nama gammachiisa! jaalalli kee daadhii woyini'ii caalaa nama gammachiisa; urgaan urgooftuu keetii urgooftuu maraa caala. Idaayyittii tiyya! hidhii kee irraa nadhii dammaatitu coccopha; afaan kee keessaa aannanii fi dammatu burqa; urgaan uffata keetii akka urgoo Libaanosii urgaaya. Idaayyittii tiyya, ati akka hulee dhaaba abaabo'ootii fi akka burqaa waan biraatiif qophaayeeti. Karaan ati luftuun akka hulee daraaraa mi'aayu ka roomaani'ii, ija mukaa filatamaa Heenna'aa fi naardoos keessa guuteeti. Akkasuma Naardoosii fi agamsa, hinaari'ii fi qarafaa, munni gara garaa ka hixaanaa, munni qumbi'iitii fi munni sabiri'ii urgooftuun maraa caalullee achi keessa jira. Ati akka burqaa hulee dhaaba biqiltu'uu jiruu, boolla bisaan taliilli keessaa yaa'uu, akka bisaan Libaanosiin irraa yaa'uuti. Qilleensa kaabaa! ka'i! atillee qilleensa kibbaa as koottu! gara hulee biqiltuu kiyyaa bubbisi; qilleensillee urgaa misha'aan haa guuttamu; jaalalloon kiyya gara hulee dhaaba biqiltuu ufii seenee daraaraa mishaa haa nyaatuu. Obboleettii tiyya! idaayyaa jaalallo'oo! ani gara hulee biqiltuu kiyyaa ka ati naa kennitee seeneera; karbe'ee fi abaaboo urgo'oo kiyya guuradheera; nadhii dhaaba dammaa nyaadheera; daadhii woyini'iitii fi aannan kiyyallee hin dhugeera. Jaalalloota teenna! jaalalaan haga nadha baataniif nyaadhaa; dhugaa'a. Ani rafeera; qalbiin tiyya garuu hin rafne; jaalalloon kiyya hennaa akkana jedha'aa balbala dhadhawu dhagaye; «Obboleettii tiyya idaayyaa jaalallo'oo! handarii tiyya ta mudaa hin qabne! yabo'oo balbala naa bani; rifeensi mataa kiyyaa kirfaffu'uun na shameera; tiifuu halkaniitiinillee jiidheera.» Ani uffata kiyya mulqadheeraa; deebi'ee uffadhaa ree? luka kiyyallee dhiqadheeraa; deebi'ee xureessaa? Jaalalloon kiyya qaalawaan harka natti loose; garaan kiyya waan isaatiif raafame. Kanaaf ani jaalalloo kiyyaa balbala banu'uuf ka'e; cufanaa balbalaa hennaa harka kiyyaan banu'uuf qabe urgooftuun harka kiyya irraa jige; qubbiin kiyyallee bisaan karbe'ee jissan. Ani lafaa ka'ee jaalalloo kiyyaa balbala bane; jaalalloon kiyya garuu balbala gayee uf irra gara galee deeme; ani laagaa isaa dhagayuuf guddisee hawwee ture; guddisee soqe garuu isa argachuu hin dandeenne; waamnaanillee na jalaa hin awwaanne. Worri qachattii keessa naannaya'aa eegan na arganii dhayanii na madeessan; worri qachattii eegan waan fuulatti maradhu na jalaa fudhatan. Isin babbareeddan Yerusaalemii! jaalalloo kiyya yoo argitanii jiraattan sababaa jaalala isaatiif akka dhibame akka itti himtan yaboo isinitti kennadha. Ati dubartii dubartoota maraa caalaa bareeddu! dhugama jaalalloon kee kaawwaniin addaa? ka hagana mara waan isaatiif yaboo nutti kennitu inni maali'iin kaawwan caala? Jaalalloon kiyya ka guddisee bareeduu fi fayyaalessa; dhiira kuma kudhanii keessaa ka isa fakkaatu hin jiru. Mataan isaa quunqoo worqi'ii fakkaata; rifeensi mataa isaa gurraacha; yuuba akka koola harraagessaati. Ijji isaa akka ija handarii laga bira jiraattuutii fi adii akka aannanii bareedu. Boqoon isaa akka urgooftuu hulee dhaaba biqiltu'uutitti argamuutitti bareeda; hidhiin isaa akka abaaboo bisaan urgoo karbe'ee coccobsuutitti mi'aaya. Irreen isaa akka ulee qubee worqi'ii uf irraa qabuutitti bareeda; nafti isaa faaya ogeessi ilkaan arbaatiin hojjate fakkaata. Lutti isaa utubaa worqii qulqullu'uun hojjatame fakkaata; akka gaara Libaanosii ka mukaan bareedeeti. Afaan isaa akka dammaatitti mi'aaya; akkaataan isaa maruu namatti tola; isin babbareeddan Yerusaalemii! jaalalloon kiyya ka akkanaati. Ati ta dubartoota maraa caalaa bareeddu! jaalalloon kee garam dhaqe? nullee akka deemnee si woliin sondhu gara inni deeme nutti himi. Jaalalloon kiyya tika hoolotaa bobbaasu'uu fi abaaboo bareedu muru'uuf gara hulee biqiltuun urgaayu argamuu bu'eera. Inni jaalalloo kiyya; anillee ta isaati; abaaboo suufi'ii keessatti tika hoolotaa bobbaasa. Jaalalloo tiyya! ati akka qachaa Teersa'aa bareedda; akka Yerusaalemii guddiftee bareedda; gaachenni kee akka duula hiriiree meeshaa woraanaa qabatee wol faanaa deemuutitti nama sodaachisa. Yabo'oo ijji tee waan na boojiteef na irraa buqqisi; rifeensi mataa keetii akka tika re'iinii ka gaara Gila'aadii irraa gad hurrisaniiti. Ilkaan kee akka ilmoolee hoolotaa ta lakkuu dhalattuutii fi akka hoolota hin maseennee ta bisaaniin dhiqaniititti addaatee bareeda. Boqoon tee lamaanuu roomaanii baqaqe fakkaatti; shaashii ati haguuggattu keessaan mudhatti. Mootonni jahaatamaa, mata galtoonni saddeettamaatii fi babbareeddan laakkobsaa olii yoo jiraatanillee, Ani garuu takkattima jaaladha; isiin ta mudaa woyiituu hin qabne ta akka handari'ii bareedde; isiin haadha ufiitiif tokkotti'i; haati isii deettellee maraa caalaa isii jaalatti; worri babbareeddanillee isii laala'aa jajaniin; mootonninii fi mata galtoonni moototaa isii jajan. «Tun ta akka ifa bariisa'aa, ta akka addeessaa addaattu ta akka adu'uutitti iftu, ta gaachenni isi'ii akka loltuu hiriiree deemuutitti nama sodaachisu isiin tun eennu?» jedhan. Biqiltuu adda addaa ka dhooqa keessatti dhaabame laalu'uuf woyiniin muteeruu fi daraaraan roomaani'iillee akka daraare laalu'uuf gara hulee dhaaba biqiltuu meexxi'ii gad bu'e. Uduma ani hin beekin yaanni kiyya na butee konkolaataa gugurdootaa ka saba kiyyaa irra na kaaye» jedhe. Ati intala gosa Sulaamii koottuu deebi'i; akka midhaassinee si laallu koottuu deebi'i. Intala gosa Sulaamii maaf akka loltoonni lamaan wol lolaniititti isii laaltan? Ee ati intala qondaalaa! lutti tee hennaa kophee baxxee keessaan mudhattu attam bareeddi? sarbaan kee faaya ogeessa jaba'aan worqii mishaa irraa hojjatame fakkaata. Handhuurri kee bilillee daadhii woyini'iitiin guuttame fakkaata. naannofni mudhii keetii qixiraa qamadi'ii hidhame fakkaata. Guntunni kee lamaan lakkuu ilmoolee borofaa fakkaata. Mormi kee dallaya dhaga'aa ka ilkaan arbaatiin bareechisan fakkaata; ijji tee haroo qachaa guddittii Haseboon biratti argamtu fakkaata; funyaan kee dallaya dhaga'aa ka Libaanosii Damaasqoo mudhisu'uuf ijaarame fakkaata. Rifeensi mataa keetii akka gaara Qarmeloosiiti; yuubni rifeensa mataa keetii haarri'i; akka dhaddoo dhayamee fakkaata; mootichi bareeddinna yuuba rifeensa keetiitiin booji'ama. Jaalalloo tiyya! ati attam bareedda? attam namatti tolta! jaalalli kee attam nama gammachiisa? Dhaabni kee muka meexxi'ii fakkaata; guntunni keellee hurbuu meexxi'ii fakkaata. Ani muka meexxi'ii irra bayee gumaa isaa guuruu jaaladha; harmi kee akka hurbuu woyini'ii ka harkatti qabatan haa ta'u; urgaan hafuura keetii akka daraaraa muka hudha'aati. Mi'aan afaan keetii akka mi'aa daadhii misha'aati. Eeganaa daadhiin woyini'ii mishaan hidhi'ii fi ilkaan jaalalloo kiyyaa keessa suuta yaa'aa haa bu'an. Ani ta jaalalloo kiyyaati; hawwiin isaallee gara kiyya. Jaalalloo kiyya! koottu; gara baadiyya'aa deemnee; ganda bullaa. Ganamaan kaanee gara hulee dhaaba woyini'ii haa deemnuu; abaaboon woyini'ii akka dhooye roomaaniinillee akka abaaboo baaseeru haa laalluu. achitti jaalala kiyya sitti mudhisa. Daraaraan Inkooyii, urgoonii fi wonti nama gammachiisu daraaraan adda addaa balbala keenna guuteera; jaalalloo kiyya! daraaraa kanniin keessaa ka bilchaatee fi ka haarawa murame sii kaayeera. Maal ati obboleessa kiyya ka harma haadha tiyyaa hodhe uduu naa taatee; uduu karaa irratti argee si dhungadhee; silaa eennullee na hin tuffatu. Ani silaa gara mana haadha tiyya ta na deettee si seensisa; silaa achitti waan jaalalaa na barsiifta; daadhii woyini'ii mishaa ka akka cuunfaa roomaani'ii mi'aayu uduu si obaasee. Harka ufii ka bita'aa na boraafachiisa; harka mirgaatiin garuu na ammata. Isin babbareeddan Yerusaalemii! jaalalloon kiyya haga ufiin ka'utti akka isa hin dammassine jabeessee isin kadhadha. Gurmuu jaalalloo ufiititti irkattee ta lafa gammoojji'iitii ol baatu tun eennu? Hulee duraan haatee ciniinsifattee si deette muka baddeessa'aa ka urgaayu jalaa si dammasse. Jaalala kee ka bara baraa san onnee tiyya keessatti akka chaappa'aatitti na kaayadhu; akka chaappa'aatitti anuma callaa harkatti qabadhu; jaalalti akka du'aa namatti jabaatti. hinaaffaanillee akka awwaalaatitti garaa namatti jabaatti; arrabni isi'ii akka arraba ibiddaa ka mallisuuti. Baay'inni bisaanii jaalalaa dhaamsuu hin danda'u; lolaanillee fudhatee deemu'uunii hin danda'u; namni qabeennuma qabu maraa uduu jaalala bitu'uuf kennee sirima hin tuffatama. Nu'u obboleettii diqqoo harma hin baafne takka qabna; isii uduu nu gaafatanii maal godhuu dandeenna? Isiin uduu dallaya taatee, silaa goom'ee birrii sibiilaa ijaarraaf; isiin uduu balbala dallayaa taatee muka Libaanosiitiin itti dalloofna. Ani dallaya; harmi kiyyallee akka goom'ee dallaya irratti ijaarameeti; ani yoo ija jaalalloo kiyyaa afoo jiraadhe nagayaa fi gammachuu isaa ta'a. Solomoon hulee Ba'aalhaamootiititti hulee muka woyini'ii itti dhaabatu qaba; inni hulee muka woyinii ufii worra biqiltuu dhaabutti kireesse; worri kireeffatan maruu saqilii kuma tokko tokko fida'aafii turan. Huleen dhaaba woyini'ii kiyya; kiyyuma calla'a; Solomoon! ati birrii kuma tokkoon; worra daraaraa san eeganiillee saqilii dhibba lamaa haa ta'uu. «Ati idaayyittii tiyya! hulee dhaaba biqiltu'uutitti hiriyyoonni kiyya laagaa kee dhagayuu barbaadan; mee laagaa kee na dhageessis» jedhe. Jaalalloo kiyya! dafii gara kiyya koottu; gaarran munni urgooftuu adda addaa itti biqilu irratti gadamsa utaaluu fi ilmoo borofaa fakkaadhu. Mudhanni ilmi Amootsii Isaayyaas waan Yihuuda'aatii fi waan Yerusaalemii bara Ooziyaa, Iyyoo'aataam, Akaazii fi Hisqiyaas mootota ta'an arge kana. Samiiwwan dhagayaa'a! ardiinillee caqasi! Rabbi waan akkana jedhee dubbateef «Ijoollee uumadhe; isaan guddise; isaan garuu na dhiban. Sangaan gooftaa ufii; harreen moonaa abba ufii beeka; Israa'el garuu hin beenne; baniin kiyyallee hin hubanne.» Isin baniin cubbamtoonni; worri yakkamtoonni, fiixaa worra hammeenna hujuu; ijoollee haala baddan isin hobbaasi! Rabbiin dhiisaniiran; woyyicha Israa'elii salphisaniiran; dudda itti galaniiran. Maaf dhibuu irratti dhibuu edaatani ammallee dhayamuu barbaaddan? mataan keessan maruu dhibameera; garaan keessan maruu raafameera. Qeensa lukaatii haga rifeensa mata'aa fayyaa hin qabdan; iitaa fi mada'a; akkasuma dirmammuu calla'a hin dhiqamne; hin hidhamne; sayiti'iin hin sukkuumamne. Biyyi keessan ona; qachoonni keessan ka ibiddaan gubatan ta'an; uduu ijji teessan argitu lafa teessan ormi fudhata; hin bada. Intalti Tsiyoonii; akka daasee biqiltuu woyini'ii keessa jiruu; akkuma goom'ee biqiltuu baasqula'aa keessatti argamuu; akkuma qachaa marfamteetitti gatamte. Rabbi Waandhi banii maraa uduu fiixaa nuu hambisuu baatee, akkuma Soodomii taana; Gamoraa fakkaanna ture. Isin worri akka bulchoota Soodomii! dubbii Rabbii dhagayaa'a; isin namoonni akka worra Gamora'aa! seera Rabbii caqasaa'a. «Guddinni ciincaa keessanii anaaf maali'i?» jedha Rabbi; ciincaa hoola'aa ka gubatuu fi cooma horii coomee quufeera; dhiiga sanga'aa, ka korbeessa hoola'aatii fi ka re'e'eetitti hin gammadu. Yoo na afoo dhiyaachu'uuf dhuftan; kana maraa akka naa fiddan; akka balbala mana woyyuu kiyya ijjattan eentu isin gaafate? Kennaa gatii hin qabne hin dhiyeessinaa'a; ani hixaana keessan hin balfa; ayyaana keessan ka jalqaba ji'aa; sambattan keessan; gumii keessanii fi wol gayii keessan ka hammeennaa obsuu hin dandeenne. Ayyaana keessan ka jalqaba ji'aatii fi ayyaannan keessan lubbuun tiyya guddiftee jibbiteerti; ba'aa natti ta'aniiran; obsuu hin dandeenne. Yoo faate'eef harka keessan gara kiyya badhiftanillee; ani ija tiyya isin irraa deebifadha; yoma guddiftanii faateffattanillee isinii hin dhagayu; harki keessan dhiigaan maanxameera; Dhiqadhaa'a; uf qulqulleessaa'a; hujii keessan hamaa na afo'oo fageessaa'a; waan hamaa hojjachuu dhiisaa'a. Waan mishaa hojjachuu baradhaa'a; haqa barbaadaa'a; worra dhiibaman oolchaa'a; worra abba'aa fi haadha hin qabnee dhaabadhaa'a; haadha hiyyeeyyi'iitii tamaaggadhaa'a. «Mee koottaa'a; wol haa ajiifannuu» jedha Rabbi; cubbuun keessan akka dhiigaa yoo diimatellee akka barada'aa addaata; yoo akka dhiigaatitti diimatellee akka jirbi'ii addaata. Yoo maarre jettan; yoo ajajamtan; eebba ardi'ii nyaattan. Yoo diddan; yoo worra dhibu taatan garuu; guraade'etu isin nyaata.» Afaan Rabbii kana waan dubbateef. Qachaan amanamtuu turte; attamitti akka seebartuu taate laalaa'a! ta balchummaan itti babadhate turte; amma garuu ta worri lubbuu baasu keessa jiraatu taate! Meetiin kee dammeessayeera; daadhiin woyini'ii kee filatamaan bisaaniin wolitti makame; bulchoonni kee worra dhibuu fi hiriyyoota worra hatuuti; maruu gabbarsuu jaalatan; waan fudhatanillee guddisanii barbaadan; worra abba'aa fi haadha hin qabnee hin dhaabatan; iyyata haadha hiyyeeyyi'ii hin dhagayan. Kanaafuu Gooftaan; Rabbiin banii maraa; jabaan Israa'elii akkana jedha; «Ani nyaapholee kiyyatti dheekkamsa kiyya mudhisa; diintota kiyyallee haluu baya. Harka kiyya si irra badhisa; dammeessaya kee sirima qulqulleessa; xurii kee maraa hin balleessa. Abboota murti'ii kee akkuma duriititti; worra kee ka gorsu akkuma duriititti deebisa; achiin maayessa ati «Qachaa balchumma'aatii fi qachaa amanamtuu» jedhamtee waamamta. Tsiyoon haqaan; worri isii keessa jiraatu ka aagii galu'uun deebi'u balchumma'aan furaman. Worri dhibuu fi cubbamtoonni garuu woliin bututan; worri Rabbiin dhiisan hin badan. Qilxuu keessan ka itti gammaddanitti hin saalfattan; hulee biqiltu'uu keessan ka filattanitti hin salphattan. Akka qilxuu baalli quuree; akka hulee biqiltu'uu ka bisaan hin qabnee taatan. Namni jabaan akka bura'aa; hujiin isaa akkuma qaanqee ibiddaa ta'a; lachuu wolumaan gubatan; ka ibidda san balleessullee hin jiru. Dubbiin ilmi Amootsii Isaayyaas waan biyya Yihuuda'aatii fi waan qachaa Yerusaalemii dubbate kana. Dhuma baraatitti; gaarri mana woyyuu Rabbii; gaarran maraa olitti hundeeffama; tulluuwwanillee isaa olitti mudhatan; baniin maruu garas yaa'an. Baniin hedduu dhufanii akkana jedhan; «Koottaa'a; gara gaara Rabbii gara mana woyyuu Waaqa Yaaqoobii haa baanuu; Inni karaa ufii nu barsiisa; karaa isaa keessa deemna; Seerri Tsiyooniin keessaa; dubbiin Rabbii Yerusaalemiin keessaa waan bayuuf. Inni banii jiddu'utti murteessa; wolii galtee dhabuu namoota hedduu hin balleessa; isaan guraadee ufii tumanii gara maarasha'aa, woraana ufiillee gara haamtu'uu deebisan; baniin bani'itti guraadee hin kaasu; ammaa achi lola hin baratan. Isin mana Yaaqoobii! koottaa! ifa Rabbii keessa haa deemnuu. Banii kee ka mana Yaaqoobii ta'e hin dhiifte; isaan waaqeffannaa gatii hin qabne ka namoota baya biiftu'uutiin waan guuttamaniif; akka worra Filisxeemii falfala hojjatan; banii ormaa woliin harka dhayan. Lafti isaanii ka meeti'ii fi worqi'iin guuttame; qabeenni isaanii haga hin qabu; ardiin isaanii farado'oon guuttameera; laakkobsi konkolaataa fardaa isaanii dhuma hin qabu. Ardiin isaanii waaqolee tolfama'aan guuttamteerti; waan harki isaanii hojjateef; hujii harka ufiitii sagadan. Namni gad qabame; ilmi namaa salphateera; kanaafuu yakka isaanii hin dhiisin. Sodaachisaa Rabbii; gaachena isaa irraa dheessi; gara godaawwanii dhaqi; lafa jalatti dhokadhu! Ijji nama boonuu hin buruxxi; worri uf jajullee hin salphatan; guyyaa san Rabbi hojjuma ufii mooya. Rabbi Waandhi banii maraa; ka boonuu fi ka uf jaju maraa; ka uf tuttuulu maraa guyyaa itti salphisu qaba. Birbirsoonni Libaanosii dhedheeraanii fi ka ol jedhan maruu, mukkiin odaa Baasanii maraa, Gaarran gugurdaa maraa, tulluu ol jedhe maraa, gamoo dhedheeraa maraa, dallaya ijaarame maraa, Markaboota Tarsesii maraa, yaballan ulfinnaa maraa guyyaa itti salphisu qaba. Uf jajuun namaa hin bada; boonuun namaa hin kufa; guyyaa san Rabbiin calla'atu mooya. Waaqoleen tolfamaan maruu sirima badan. Hennaa Rabbi ardii raasu'uuf ka'u; namoonni sababaa sodaachisaa isaatii fi gaachena isaatiif; gara dhooqa godaa, gara boolla lafaatitti dhokachu'uuf fiigan. Guyyaa san namoonni waaqolee tolfamaa ufii ka meeti'iitii fi ka worqi'ii ka waaqeffachu'uuf tolfatan, tuqa'aa fi raare'ee darban. Hennaa Rabbi ardii raasu'uuf ka'u; namoonni sababaa sodaachisaa isaatii fi akkasuma gaachena isaatiin gara goda dhaga'aa, goda dhaga'aa ka baqaqe keessa fiiganii seenan. Nama akka hafuuraa hunna hin qabne hin abdatinaa'a; sirima waan namaa tolu hin qabu! Kunoo Gooftaan; Rabbi Gooftaan banii maraa; Yerusaalemii fi Yihuudaa irraa jajjabeennaa fi gargaarsa ufii, gargaarsa nyaataatii fi ka bisaanii maraa hin dhooggata; Jannaa fi loltuu; ka murteessuu fi raatticha; ka falfala hojjatuu fi jaarsa; bulchaa loltuu shantamaatii fi ka baallii qabu; gorsa'aa fi ka ogummaa harkaa qabu qaro'oo fi morticha hin buqqisa. Ijoollee masakkoota isaanii taasisa; daa'imman hin bilchaannetu isaan bulcha. Baniin ufumaa wol cunqursa; namni nama irratti; hiriyyaan hiriyyaa ufii irratti; ka'imni jaarsa irratti; tuffatamaan ka ulfinna qabu irratti ka'a. Namni mana abbaa ufiititti; obboleewwan ufii keessaa tokko qabee; «ati waan uffata qabduuf bulchaa nuu ta'i; tuulaa waan diiggamee kana bulchi» jedhaan. Inni garuu guyyaa san laagaa ufii ol qabatee, «Ani furmaata hin ta'u; mana kiyyaa uffataa fi nyaata hin qabu; masakkaa bani'ii na hin taasisinaa» jedha. Yerusaalem tittimteerti; Yihuudaanillee kufuu dhiyaatteerti; dubbiinii fi wonti isaan hojjatan maruu ka Rabbiin mormu; ka argamuu ulfinna isaa salphisu. Fuulli isaanii isaanitti raga; cubbuu ufii hin dhoffatan; akka Soodomii addaataa dubbatan; waan badii ufitti fidaniif isaan hobbaasi! Balchoonni akka waan mishaa argatan isaanitti himi; waan daraaraa harka ufii nyaataniif. Yakkamtoota isaan hobbaasi; badi'itu isaanitti dhufaa; waan hujii harka ufii argataniif. Dargaggeeyyiin banii kiyya cunqursan; dubartoonni isaan bulchan; Banii kiyya! masakkoonni kee si dogoggorsaniiran; karaa kee irraa si deebisaniiran. Rabbi teessoo murti'ii irra taa'eera; banii ufiititti murteessu'uuf ka'eera. Rabbi bulchootaa fi manguddoota bani'ii woliin akkana jedha'aa murtee kenna; «hulee woyini'ii kiyya ka balleesse isin; wonti isin hiyyeeyyii saamtan mana keessanitti argama; Banii kiyya yoo rakko'oon butuchitan; yoo hiyyeeyyii guddiftanii gaddisiiftan; maal jechuu keessan?» jedha Gooftaan; Rabbi Gooftaan banii maraa. Rabbi akkana jedha, «Dubartoonni Tsiyoonii boonaniiran morma ol qabatanii; ijaan nama dhaya'aa deeman. deemsa ufii jijjiiratanii; faaya lukatti godhatan laagaa dhageessisan. Kanaaf Gooftaan sammuu dubartoota Tsiyoonii irratti; dhukkuba mataa moleessu fida; Rabbi mataa isaanii duwwaa godha. Guyyaa san Gooftaan faaya isaanii ka ulfinnaa isaan harkaa fuudha; Bitoo isaanii ka lukaa, faaya mata'atti godhatan, faaya mormaa ka ji'a fakkaatu, worqii gurraa, laakkaa harkaa, waan fuulatti haguuggatan, waan mata'atti maratan, qudhaama, shaashii, bilillee urgooftu'uu, hirboora, qubeewwan qubaatii fi qubeewwan funyaanii, Shinshinii bareedu, uffata keessaan uffatan, kaabbaa, qaraciitii harkatti qabatan, uf argaa'a, uffata jirbii mishaa irraa hojjatame, faaya mata'aa, waan ijaan dhoffatan maraa isaan irraa fuudha. Bikka urgooftu'uu, waan ajaayu; bikka hanfalaa misha'aa, haada; bikka sijjaa bareeda sirri'itti dhayamee, mataa moluu; bikka uffata bareeduu, uffata gaddaa; bikka bareeddinnaa, gadaannisa ta'a. Dhiirti teessan guraade'een, loltoonni teessan woraanaan dhuman. Balballan Tsiyoonii hin gaddan; akka dubartii waa dhabdee teettee boottuuti. Hennaa san dubartoonni torbaa dhiira tokko qabanii, «Nu'u nyaatuma keenna nyaanna; uffatuma keenna uffanna, nu'u maqama kee calla'aan waamamnaa; salphinna nu irraa buusi» jedhaniin. Hennaa san haafni muka Rabbii kabajjama'aa fi ka bareede ta'a; daraaraan lafaa worra Israa'elii ka badii irraa hafaniif boonaa fi ulfinna ta'a. Worri Tsiyoonitti hafan, worri Yerusaalemiin keessattillee hafan, worra Yerusaalemitti galmaayan maraa woliin woyyoota jedhanii waamaman. Gooftaan xurii dubartoota Tsiyoonii hennaa dhiqu; Yerusaalemiinillee dhiiga itti cuuphamtee murti'ii fi hafuura nama gubuun isii qulqulleessa. Achiin maayessa Rabbi gaara Tsiyoonii irraa fi worra achitti wol gayan maraa irratti guyyaa duumessaa fi aara; halkan ifa ibiddaa ka mallisu uuma; ulfinna isaa maraa irra golgatu ta'a; ka oo'a guyya'aatiif gaaddisaa fi ka waa nama irraa dhooggu; ka roobaa fi kirfaffuu jalaa itti dheessanii fi hulee itti daadayatanii fi irkoo ta'a. Waan jaalalloo kiyyaa; akkasuma waan hulee isaa ka woyini'iitiif haa faarfadhuu; jaalalloon kiyya tulluu lalisaa irratti hulee woyini'ii qaba ture; Lafa ufii hin qote; dhagaa guuree keessaa baase; woyinii filatamaa itti dhaabe. isa irratti siree irra taa'anii eegan ijaare; boolla cuunfaa woyini'iillee hin qopheesse; achii daraaraa mishaa daraara jedhee yaade; garuu daraaraa dhangaggaayaa daraare. «Isin namoota Yihuuda'aatii fi worra Yerusaalemiin keessa jiraattan; anaa fi hulee woyini'ii kiyya jiddu'utti mee murteessaa'a; waan amma godheef kana caalaa hulee woyini'ii kiyyaa maal godhu'utu barbaachisa ture? uduu daraaraa mishaa woyini'ii daraara jedhee eegu; maaf daraaraa dhangaggaayaa daraare? Eeganaa ani hulee woyini'ii kiyyatti maal akka godhu isinitti haa himuu; dallaya isaa hin buqqisa; badi'iif ifa baya; gamoo hin diiga ka irra deeman ta'a. Lafa badu, ka hin shuqunamnee fi ka hin kunuunfamne taasisa; qore'ee fi qummuuddu'utu keessatti marga; akka roobni itti hin roobne duumessa dhoogga.» Huleen woyini'ii ka Rabbii Gooftaa banii maraa mana Israa'eliiti; namoonni Yihuuda'aa biqiltuu gammachuu isaati; haqa barbaade; garuu ka dhiiga jissan arge; balchummaa barbaade; garuu iyya cunqurfama'aa dhagaye. Worri akka huleen namoota kaawwanii hin hafnetti; mana mana irratti eda'a'aa; lafa lafaan qabsiisa'aa; hojjuma keessan lafa irra babadhattanii jiraattan isin hobbaasi! Uduu gurri kiyya dhagayu Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedhee dubbate; «Manniin gugurdaan ona ta'an; manniin babbareedanillee ka isaan keessa jiraatan dhaban. Hulee woyini'ii ka heektaara kudhanii irraa, cuunfaa woyini'ii liitira saddeet callaa ta'a; sanyii kiiloo dhibba tokkoo fi saddeettama facaafatanillee cuunfaa woyini'ii iifii tokko callaa kenna. Worra dhuddoo macheessu soqaa ganamaan ka'an haga isaan gubutti woyinii dhuga'aa bariisisan isaan hobbaasi! Affeerraa isaanii keessa; kiraara sagalee guddaa dhageessisuu fi masiinqoo'o, dibbe'ee fi boobaa; akkasuma woyini'itu jira. garuu hujii Rabbiitiif hulee hin kennine; hujii harka isaatiif ulfinna hin kennine. Kanaafuu baniin kiyya beekkumsa dhabu'uun booji'ama; qondaaltonnillee beelaan dhuman; baniinillee dheebisaan gubata. Kanaafuu asaabni garaa badhifatte; afaan ufii hagaa ol bante; qondaaltonninii fi baniin; worra jeequu fi worra lafa dhiitu woliin achi seenan. Namni hin salphata; ilmi namaa gad jedha; ijji nama boonuu hin buruxxi. Rabbi Gooftaan banii maraa garuu haqaan kabajjama; Waandhi woyyuun woyyummaa ufii balchumma'aan ibsa. Hoolonni akkuma waan hulee ufiititti bobba'aniititti dheedan korbeeyyiin hoolotaallee hulee diiggame ka dureeyyi'iititti bobba'anii marga dheedan. Worra haada sobaatiin cubbuu harkisu; worra wodaroo sobaatiin yakka harkisan isaan hobbaasi! «Akka ijji teenna hin argine; Rabbi haa jarjaru; hujii ufii haa ariifachiisu; woyyicha Israa'elii; karoora isaa akka beennu; haa dhiyaattuu; haa dhuftuu» worra jedhan isaan hobbaasi! Worra waan hamaa misha'a; waan mishaa hama'a jedhan; worra dukkanaan ifa; ifaan dukkana jedhan; worra waan mi'aayu hadhaaya'a jedhan worra waan hadhaayaa mi'aaya'a jedhan isaan hobbaasi! Worra akka qaro'ootitti uf laalan; worra akka yaada isaaniititti ogeeyyii uf taasisan isaan hobbaasi! Worra daadhii woyini'ii dhugu'uun janna ta'an, worra dhuddoo nama macheessu wolitti maku'uun jabaatan isaan hobbaasi! Worra gabbarsuu fudhatu'uun yakkamtoota qulqulluu taasisan; worra nama yakka hin qabne haqa isaa dabsan isaan hobbaasi! Kanaafuu akkuma arrabni ibiddaa buraa nyaatu; akkuma ibiddi huura gubee balleessu; hiddi isaaniillee akkasuma shama; abaaboon isaaniillee akkuma daara'aatitti bittinnaaya; waan seera Rabbii Gooftaa banii maraa tuffataniif; dubbii woyyichi Israa'elii dubbatellee hin salphisan. Lolli Rabbii banii isaatitti bobayeera; harka ufii ol kaasee isaan dhayeera; gaarran hin hollatan; reeffi isaanii akkuma kosii karaa keessatti gatanii ta'e; kun maruu ta'ee garuu inni lola ufii hin dhaabsifne; harki isaa akkuma ol ka'etti jira. Malkata banii fagoo jiran itti waamu dhaaba; fiiqu'uun daangaa ardi'iitii isaan waama; isaanillee jarjara'aa ariiti'iin dhufan. Isaan jidduu dadhabaanii fi ka qaama dhidhu'uu hin argamu; ka muguu fi ka rafu hin jiraatu; sabbanni mudhii isaanii hin furatu; miseensi kophee isaanii hin citu. Eboon isaanii qarama'a; buundheen isaanii ka mirmirfame; korboon konkolaataa isaanii ka fardaa akka haboonbolatti'iiti. Iyyi isaanii akka leencaati; akkuma leenca darmi'iititti aadan; waan adamsan harkatti qabatanii iyyan; baadhatanii deeman; ka isaan buusisiisu hin jiru. Guyyaa san akka dambalii galaanaatitti huursan; eennullee yoo gara lafaa gad laale; dukkanaa fi rakkoo arga; iftinuu duumessaan golgama. Bara mootiin Ooziyaan du'e ani Rabbiin teessoo ulfinnaa ka ol dheeratu irra ka taa'eeru arge; handaarri uffata isaa mana woyyuu guutee ture. Maleekkonni Suraafel jedhaman naannaya isaa dhaabatanii turan; isaan maruu koola jaha jaha qaban; koola ufii lamaaniin fuula ufii dhoffatan ture, koola ufii lamaaniin luka ufii dhoffatan ture; koola ufii lamaaniin garuu hin bararan ture. Wol irraa fuudha'aa «Woyyuu'u; woyyuu'u; woyyuu; Rabbii Gooftaa banii maraa; ardiin maruu ulfinna keetiin guuttamteerti!» jedha'aa turan. Hundeen mana woyyu'uullee sababaa laagaa guddaa saniitiif guddisee raafame, manni woyyuun aaraan guuttame. Ani, «Ani nama arrabni kiyya battaaye; banii arrabni isaanii battaaye jidduu jiraadha; ijji tiyya mootii, Rabbii Gooftaa banii maraa waan argiteef ani badeeraa na hobbaasi!» jedhe. Achii maleekkota suraafel jedhaman keessaa tokko hulee ciinca'aa irraa ibidda qadhaba'aan fuudhee barara'aa gara kiyya dhufe. Afaan kiyya ibiddaan tuqee «Kunoo kun waan afaan kee tuqeef yakki kee si irraa ka'eera; cubbuun keellee sii dhiifameera» naan jedhe. Achii laagaa Goofta'aa ka «Ani eennuun erga? eentu ergaa nuu dhaqa?» jedhu dhagaye; anillee, «Ani hin dhaqaa na ergi!» jedheen. Innillee «Deemi! banii kanaan ‹dhagawuu ima dhageettan, garuu hin hubattan, arguu ima argitan garuu hin guuttattan jedhii isaanitti himi; Ammallee deebi'ee, «Baniin kun akka ijaan hin argine, gurra ufiitiin akka hin dhageenne, onnee ufiitiinillee akka hin hubanne; deebi'aniillee akka hin fayyine; garaa banii kanaa jabeessi, gurra isaanii duuchi; ija isaaniillee jaamsi» naan jedhe. Anillee Goofta'aan «Gooftaa kiyya! wonti kun haga yoomii ta'a?» jedheen. Innillee deebisee akkana naan jedhe, «Qachoonni namoota keessa jiraatan dhabanii haga diiggamanitti, manniin maraa keessaa haga namoonni dhabamanii duwwaa ta'anitti, haga lafti ona taatutti, Rabbi haga namoota fageessutti; haga ardiin sirima duwwaa taatutti; Yoo kudhan keessaa tokkollee ardii irratti hafe; innillee sirima bada; garuu akkuma qilxuunii fi woddeessi yoo murame gufuun hafe deebi'ee margu; akkasuma fiixaan woyyuun ardii irratti gufuu woyyoome.» Bara Akaaz ilmi Iyyoo'aataamii akaakayyichi Ooziya'aa Yihuudaa irratti mooye Resiin mootii Sooriya'aa ture; Pheqaan ilmi Roomeeliyu'uu mootii Israa'elii ture; isaan lachuu lolaaf gara Yerusaalemii yaa'an; garuu mooyachuu hin dandeenne. Mana Daawitiitiif, «Sooriyaanii fi Efreem wolii galaniiran» oduu jedhu mootiin biyya Yihuuda'aa hennaa dhagaye, inninii fi baniin isaallee nayanii onneen isaanii akka muka bubbeen raafteetitti raafame. Rabbi Isaayyaasiin akkana jedhe «Atii fi ilmi kee Sha'aaryashuub Akaaziin wol gayu'uuf karaa gara maasaa namicha uffata miicuu fiduu gara qaccee haroo gubba'aa bayaa'a; akkana jedhiin «uf eegi; lash jedhi; hin sodaatin; worra akka muka ibidda keessatti gubatee aaruu ta'an kanniin Sooriya'aa fi Na'aasoon, lola ilma Roomeeliyu'uutiin hin shibbiraayin; onneen keellee hin dadhabin» jedha'aa isatti himaa'a. Sooriyaa, Efreemii fi ilmi Roomeeliyu'uu si balleessu'uuf akkana jedhanii dhara si irratti mari'atan, «Yihuudaa haa qabannuu; haa bittinneessinuu; isaan adda qoodannee haa bulchinuu; ilma Xabi'eelii irratti haa moosifnuu» Rabbiin maraa olii garuu akkana jedha, «Mariin isaanii kun hin ta'u; sirima hin ta'u; mataan Sooriya'aa Damaasqo'o, mataan Damaasqo'oo Resiiniin waan ta'eef; woggaa jahaatamii shanii keessatti baniin Efreemii hin bittinnaaya; banii ta'uun isaaniillee hin hafa. Mataan Efreemii Samaariya'a; mataan Samaariya'aa ilma Roomeeliyu'uuti; eeganaa yoo amantii keessanitti jabaattanii dhaabachuu baattan sirima dhaabachuu hin dandeettan.» Rabbi ammallee Akaaziin akkana jedhe, «Ol samii irraa ta'ee'e gad lafa jalaa akka malkata sii kennu Rabbiin Waaqa kee kadhadhu. Akaaz garuu, «Malkata naa kenni jedhee hin kadhadhu; Rabbiin hin qoru» jedhe. Isaayyaasillee akkana jedhe, «Isin mana Daawitii, dhagayaa'a; obsa namaa qoruun keessan hanqatee, obsa Waaqa kiyyaa qortanii? Kanaafuu Gooftaan inninuu malkata isinii kenna; kunoo durbi duudaan hin ulfoofti; ilma dhiiraa deetti; maqaa isaallee Amaanu'eel jettee itti baafti. Inni umurii waan misha'aa fi waan hamaa addaan baafatu yoo gaye, dhadha'aa fi damma nyaata. Biyyiti mootota lamaanii ta ati uduu daa'imni waan misha'aa fi waan hamaa hin beekin sodaatte lafa onaa taati. Rabbi haga worri Yihuuda'aa worra Efreemii irraa fooyamee jalqabee rakkoo tanaan dura ta'ee hin beenne sitti, banii kee jiddu'utti, mana mootummaa abbeetiitittillee fida; kunillee mootii Asoorii sitti fida jechu'u.» Hennaa san Rabbi laggiin biyya Misirii ka fagoo jiruu tiisisa; ardii Asoorii irraallee kinniisa fiiqu'uun waama. Isaan maruu dhufanii dhooqa gammoojji'ii keessatti, holqa dhaga'aa keessatti, hulee qoreen itti baay'atee fi boolla bisaanii maraa keessatti quphatan. «Gaafas Rabbi mullaacii laga gamaa kireeffateen jechuun mootii Asooriitiin rifeensa mata'aatii fi ka miila keessanii, akkasuma areeda keessanillee haada. Bara san nama tokkoo raada takkaa fi hoolota lamatu hafaaf. Sababaa baay'inna aannan isaan kennaniitiif dhadhaa nyaatan; worri biyyaa ka hafan maruu dhadha'aa fi damma nyaatan. Bara san huleen woyinii kuma tokkoo itti dhaaban ka meetii kuma tokkotti bikkamu maruu qore'ee fi qummuuddu'utu itti marga. Qoreenii fi sokorruun waan lafa san dhossaniif buundhe'ee fi woraana qabatanii gara lafa sanii seenan. Qore'ee fi qummuudduu sodaachu'uun, gara tulloota tanaan dura qotto'oon qotanii turanii maraa ammaa achi hin deemtu; huleen sun garuu hulee horiinii fi hoolonni itti burraaqan ta'a. Rabbi akkana naan jedhe, «Gabatee guddaa fudhadhuutii ‹Maahir-Shaalal- Hash- Baaz › jedhii qubee mudhatuun irratti barreessi» Gadicha Uuriya'aa fi Zakkaariyaasii ilma Baraakiyuu ragoota amanmtoota akka naa ta'an godhi» Ani haadha manaa tiyya raattittii bira gaye; isiin hin ulfoofte; ilma dhiiraa deette; Rabbi akkana naan jedhe, maqaa «Maahir-Shaalal-Hash-Baaz jedhii itti moggaasi; Daa'imni uduu ‹Aabba; yookaan Aayya› jedhee waamuu hin dandeenneen dura qabeenni Damaasqo'ootii fi boojuun Samaari'ya'aa mootii Asooriitiin fudhatama» Rabbi ammallee akkana jedhee natti dubbate; «Baniin kun burqaa Saalihoomii ka cadhisee yaa'u dhiisanii ilma Roomeeliyu'uutii fi Resiinitti waan gammadaniif, Kanaafuu Gooftaan bisaan lola'aa jaba'aa fi guddaa; mootii Asoorii hunnaa fi gaachenuma isaa woliin isaanitti fida; bisaan boyii irra gara galee lafa daangaa lagaa maraa irra cambalaqa. Hara'aa gara Yihuuda'aa bu'a; cambalaqa'aa lufa; haga mormaa gaya; Amaanu'eel! Koolli diriire lafa kee daanga'aa haga daanga'aa eega» Isin worri Yihuudii hin taane, dhaadadhaa'a; garuu hin dhumtan; worri biyya fagoo jirtan dhagayaa'a; lolaafillee qophaayaa'a; garuu hin dhumtan; lolaafillee qophaayaa'a; garuu hin dhumtan; mari'adhaa'a; garuu hin milkooftan; waan Rabbi nu woliin ta'eef; akeenni isin baafattan isinii hin ta'u. Rabbi harka ufii jabaa na irra godhee karaa namoota kanniinii akka hin deemne na seere; «Waan namoonni kunniin ‹mala hammeennaati› jedhanii waaman; waan maraa ‹mala hammeennaati› hin jedhinaa'a waan isaan sodaatan hin sodaatinaa'a; hin raafamina'aaf. Ka woyyoomfachuu isin barbaachisu Ana Rabbii Gooftaa banii maraa calla'a; ka sodaachuu isin barbaachisu anuma; ka hollatu'uufii isin barbaachisullee ana. Ani mana woyyuu ta'a; mana Israa'elii lamaaniif ammo dhagaa gufachiisu dhagaa qarsa'aa ka nama gufachiisu isaanitti ta'a; banii Yerusaalemiitiillee siibo'oo fi sakaallaa ta'a. Isaan keessaa heddutu gufata, hin kufan; hin caban; siiboo keessa seenan; hin qabaman» naan jedhe. Ragaa isaa cufi; seera isaallee duuka bu'oota kiyya jiddu'utti chaappeessi. Rabbii fuula ufii mana Yaaqoobii dhoffate eeggadha; isa abdadha. Kunoo anii fi ijoolleen Rabbi naa kenne Rabbii Gooftaa Israa'elii ka gaara Tsiyoonii irra jiraatuu Israa'elii malkataa fi maalale'e. Namoonni yoo «worra wocu, worra hasaasu, worra falfaluu fi worra hafuura hamaa waamu gaafadhaa'a» isiniin jedhan; baniin Waaqa ufii gaafatuun hin ta'uufii? bikka jiraattotaa worra du'e waamuun maaf barbaachise? Gara seera isaatii fi gara dubbii raga'aa dhaqaa'a! isaan yoo dubbii akkanaa hin dubbannee ifti bariisa'aa isaanii hin iftu. Rakkatanii, beelayanii lafa irra yaantaran; yoo akka hamaa beelayan hin lolan; ol laala'aa Waaqaa fi mootii ufii abaaran; Achii gara lafaa laalan; wonti isaan arganillee rakkinna, dukkanaa fi hurrii nama sodaachisu calla'a; gara dukkana jimi'ii gataman. Worri armaan dura rakkata'aa turan garuu deebi'anii hin rakkatan. Bara durii biyyi Zaabilooniitii fi biyyi Niftaalemii salphattee jiraata'aa turte; bara maayi'ii garuu worri Yihuudii hin taane ka galaana Meditiraaniyaani'iitiin gara baya biiftu'uutii jalqabee haga galaana Yoordaanosiitiin gamatti quphatanii jiran worri biyya Galiila'aa ulfinna argatan. Baniin dukkana keessa jiraatu ifa guddaa arge; worra gaaddidduu du'aa jala jiraataniif ifatu ife. Ati banii kee hin baay'eessite; gammachuu isaanii hin edaate; akkuma namoonni hennaa midhaan wolitti qabatan; hennaa boojuu qoqqoodaman gammadan; isaanillee si afo'otti gammadan. Akkuma hennaa worri Miidiyaamii mooyatame ta'e; qambaraa isaanitti ulfaate; ulee gurmuu isaanii irraa jiru; ulee sibiilaa ka ittiin cunqurfaman isaan irraa bulleessiteerta; Kopheen loltootaa maruu; uffanni dhiigaan maanxame maruu; ibiddaaf ta'a; ibidda keessa kaayaman. Daa'imni nuu dhalateera! ilmi dhiiraa nuu kennameera! baalliin lum'a isaa irra ta'a; maqaanillee, Gorsaa maalale'ee; Waaqa jabaa; Abbaa bara baraa, hayyuu nagayaa» jedhama. Badhinni mootummaa isaa; guddinni nagaya isaa daangaa hin qabu; ammaa jalqabee haga bara baraa mootummaa ufii haqaa fi balchumma'aan hundeessa; irkisee qabee jabeessa; teessoo Daawitii irra taa'a; biyya maraa hin bulcha; hinaaffaa Rabbii Gooftaa banii maraatitu kana godha. Gooftaan fiixaa Yaaqoobii Israa'elitti dubbii murti'ii erge; kunillee fiixaa isaa banii Israa'elii irratti raawwatame. Baniin maruu; Efreemii fi worri Samaariyaa keessa jiraatan; kana hin beekan; uf jaju'uu fi onnee boontuun akkana jedhan, «Ijaarsi faaraan ijaaran diiggameera; nu garuu dhagaa bocameen deebifnee ijaarra; odaawwan muramaniiran; nu garuu birbirsaan bakka buufna.» jedhan. Rabbi garuu diintota Resiinii hin jabeessa; isaanitti fida; diintota isaanii isaanitti kakkaasa; worri Sooriya'aa baya biiftu'uutii worri Filisxeemii dhiya adu'uutii; afaan bananii worra Israa'elii cicciran; kun maruu ta'ee; dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaa akkuma hiixatametti jira. Baniin garuu gara ka isaan adabee fuula hin deebifanne, Rabbii Gooftaa banii maraallee hin sondhe. Kanaafuu Rabbi mata'aa fi eegee; damee meexxi'iitii fi leemman Israa'eliin irraa guyyama tokkoon mura. Jaarsotaa fi namoonni kabajjaman mata'a; raattonni soba barsiisan eege'e; Worra banii kana masakkan hin dogoggorsan; baniin masakkamu sunillee tayyaree karaa irraa bada. Kanaafuu Gooftaan dargaggeeyyi'itti hin gammadu; worra abbaa hin qabnee fi haadha hiyyeeyyi'iitii garaa hin laafu; maruu ka sodaa Rabbii hin qabnee fi worra hammeenna hojjatu; afaan nama maraatuu waan jecha balfamaa dubbatuuf. kun maruu ta'ee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaallee akkuma hiixatametti jira. Ammaa achi battummaan akka ibiddaatitti qabata; qore'ee fi sokorruu nyaata; bosona dukkanaayaa bobeessa; aarri isaa wolitti qabamee akka utuba'aatitti dhaabata. Dheekkamsa Rabbii Gooftaa banii maraatiin lafti hin gubatti; baniin akka qoraan ibidda keessa buusanii ta'a; obboleessi obboleessa ufiititti garaa jabaata. Gara mirgaatiin afaan kaayatan; garuu beelli isaan irraa galab hin jedhu; gara bita'aatiinillee hin nyaatan; garuu hin quufan; cuftinuu foon nama ufii nyaata. Minaaseen Efreemitti ka'a, Efreem Minaase'etti ka'a; wolumaan Yihuuda'atti ka'an; kun maruu ta'ee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne harki isaa akkuma hiixatametti jira. Worra seera haqa hin qabne baasan; worra tumata cunqursaa tumatan isaan hobbaas! Worra mirga hiyyeeyyi'ii dhiiban; worra haqa banii kiyya ka rakkatee dabsan; worra haadha hiyyeeyyi'ii saaman; worra ijoollee maatii hin qabne guuratan; isaan hobbaasi! Guyyaa tooyatamtan maaltu isin liqimsa? yoo badiin fago'oo dhufe hoo maal taatan? gargaarsa argachu'uuf hoo gara eennuu dheessitan? qabeenna keessan hoo eessatti dhoffattan? Hidhamtoota woliin taf taf jechuu irra; worra qalaman woliin gatamu'uu achi womaa isin hin hafan; kun maruu ta'ee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaallee akkuma hiixatametti jira. Ka ulee dheekkamsa kiyyaa ta'e; Asoorticha bokkuun balaa kiyyaa harka jiru hobbaasi! Akka qabeenna isaanii saamu; akka boojuu guuratu; akka dhoqqee karaa irraatitti akka isaan dhiitu; gara banii Waaqa hin qabnee ka na aarsuu kanatti isa erga. Inni garuu akkana hin yaanne; garaa isaa keessa kun hin turre; garuu karoorri isaa balleessu'uuf; banii hedduu diigu'uuf ture. Akkana jedha'aa ture; «ajajaan woraana kiyyaa maruu moototaamii? Kaalnoon akka Karkamishii, Haamaat akka Arfaadii, Samaariyaan hoo akka Damaasqo'ootii mitii? Mootota waaqolee tolfama'aa; fakiiwwan isaanii ka harki kiyya qabe ka mootota Yerusaalemiitii fi Samaari'aa mara caalan; Waan Samaariya'aa fi waaqolee tolfamaa isi'ii irratti godhe; Yerusaalemii fi fakii isi'ii ka bocame maraa irratti hoo akkasuma hin godhuu? Kanaafuu Rabbi Waan Yerusaalemii fi gaara Tsiyoonii irratti raawwata'aaru maraa haga fixeen maayessa akkana jedha waan mootii Asoorii, waan uf jajuu isaatiif waan tuffii isaatiif hin adabaan. Mootiin Asoorii waan akkana jedhuuf; «waan kanniin maraa jabeenna irree kiyyaatiin raawwadhe; akkasuma ogumma'aan hubataa waan ta'eef; daangaa moototaa hin diige; qabeenna isaanii hin saame; mootota isaanii jannummaa kiyyaan salphise. Akkuma namni harka ufii gara maandhee simbiraa hiixatu; anillee akkasuma harka kiyya gara qabeenna moototaa hiixadhe; akkuma namoonni killee haati irraa kaate wolitti qabu; anillee akkasuma ardii maraa wolitti qaba; ka koola ufii sosochoofate hin jiru; ka afaan banatee iyyellee hin jiru. Qottoon nama woyiin murutti boonuu danda'aa? magaaziin hoo nama isa harkisutti uf jajaa? kun akkuma uleen nama isii ol fuudhu mirmirsituuti; uleen ufitti nama irratti hunna hin qabu. Kanaafuu Gooftaan; Rabbi Gooftaan banii maraa; loltoota fufurdatanitti dhibee isaan huqqisu isaanitti erga. ibidda bobayu ka ulfinna isaatii gaditti mallisu qabsiisa. Rabbi ifni Israa'elii ibidda; woyyichi Israa'elii arraba ibiddaa ta'a; guyyama tokkotti qore'ee fi sokorruu ibiddi nyaata. Akkuma dhibeen huqqisee nama ajjeesu; ulfinna bosonaatii fi qonna lalisaa'a; hin balleessa. Mukkiin bosona keessatti hafan guddisanii hago'o; daa'imnillee laakkayee galmeessuu danda'a. Hennaa san sanyii Israa'elii keessaa worri hafe; worri mana Yaaqoobii keessaa oole; ammaa achi worra Asoorii ka isaan dhaye hin amanan; bikka san Rabbii woyyuu Israa'eliititti dhugamaan amanan. Worri hafan hin deebi'an; worri mana Yaaqoobii ka hafe gara Waaqa jaba'aa deebi'an. Israa'elii! yoo baniin kee akka xidhacha galaanaa ta'ellee; worruma hafe calla'atu deebi'a; balleessaa bani'iitiif murtiin dhuga'aa qophaayeera. Gooftaa! Rabbi Gooftaan banii maraa badiin inni murteesse maruu ardii maraa irratti hin dhufa. Kanaafuu Gooftaan; Rabbi Gooftaa banii maraa akkana jedha; «Banii kiyya ka Tsiyooniin keessa jiraattan; akkuma worri Misirii maruu ulee sitti ol fudhatan; worra shimalaan si tuman; Asooroota hin sodaatin. Adabbii sitti fide hennaa diqqoo keessatti dhaaba; isaanitti balaa kiyya fida.» Akkuma Rabbi Gooftaan banii maraa Miidiyaamiin dhagaa Heereebii laddatti dhaye, qacce'een isin tuma; akkuma biyya Misirii maraa irratti godhe; ulee ufii galaana irratti ol fudhata. Guyyaa san ba'aan isaanii gurmuu kee irraa; qambarri isaaniillee lum'a kee irraa ka'a; sababaa furdinna keetiitiif qambarri hin caba. Gara Ayaatii galan; karaa Miigirooniitiin lufan; meeshaa ufii Maakimaasitti tuulan. Karaa ceeyaniin lufanii akkana jedhan «Geebaa'itti quphannee bulla» Raamaan hin naate; qachaan Saa'olii Gibi'aan hin dheessite. Yaa intala Gaaliimii iyyi! yaa Laayishaa'a! caqasi! yaa Anaatootii hiyyeettii'i! mee isi'ii deebisi! Madimeenaahi dheessa'aa jirti; baniin Geebiimii dhokachu'uuf fiiga. Adhuma Noobiin gayan; harka ufii tulluuwwan Yerusaalemii; gaara intala Tsiyoonii dhaadu'uun sosochoosan. Kunoo Gooftaan; Rabbi Gooftaan banii maraa; hunna jaba'aan dameewwan mummura; mukkiin dhedheeraan hin jigan; gugurdaanillee hin kufan. Bosona dukkanaayaa dhagara'aan mummura; Libaanosillee jabaa afo'otti kufa. Akkuma jirmi damee baasuu fi akkuma hiddi isaa ol biqilu akkasuma fiixaa Daawitii keessaa mootiin tokko baya. Hafuurri Rabbii Hafuurri ogumma'aatii fi hubanna'aa; Hafuurri gorsaatii fi ka hunnaa; Hafuurri beekkumsaatii fi ka Rabbiin sodaachu'uu isa irra ta'a. Rabbiin sodaachu'uun gammada; akka arge hin murteessu; akka dhagayetti murtii hin kennu. Hiyyeeyyi'ii garuu balchumma'aan murteessa; hiyyeeyyii ardi'iitiif haqa murteessa; ulee afaan ufiitiin ardii dhaya; Hafuura afaan ufiitiin hammeeyyii ajjeesa. Balchummaa mudhi'iin hidhata; amanamummaan sabbata mudhii isaati. Yeyyiin korbeessa hoola'aa woliin jiraata; qeerransi ilmoo re'e'ee woliin ciisa; waatiin, leenci darmiinii fi horiin gabbate woliin bobbaya'an; mucama diqqa'atu bobbaasa. Saaninii fi bineensi raasa'aa woliin bobba'an; waatileen isaaniillee woliin ciciisan; leenci akka sanga'aatitti buraa nyaata. Daa'imni harma hodhu boolla bofa hama'aa irratti taphata; daa'imni harma gu'e harka ufii boolla buuti'ii keessa kaaya. Gaara kiyya woyyuu maraa irra miidhaa yookaan badii hin geessan; akkuma galaanni bisaaniin guuttamu ardiin maruu beekkumsa Rabbiitiin waan guuttamtuuf. Bara san fiixaan Isseyii bani'ii malkata ta'ee dhaabata; mootonni gara isaa dhufan; huleen itti hara baafatullee kabajjamaa ta'a. Bara san Gooftaan harka ufii hiixatee deebi'ee haftee bani'ii Asooriin irraa, Misirii gad aantu irraa, Misirii ol aantu irraa, Itoophiyaa irraa, Eelaamiin irraa, Baabilooniin irraa, Haamaatii fi lafa daangaa galaanaa irraa wolitti qaba. Moototaa malkata dhaaba; worra Israa'eliin keessaa baqatan deebisee wolitti isaan qaba; banii Yihuuda'aa ka bittinnaaye; roga lafaa arfaniiyyuu wolitti isaan qaba. Gumbisuun Efreemiillee hin dhaabata; diintonni Yihuuda'aallee hin muraman; Efreem Yihuuda'atti hin hinaafu; Yihuudaan Efreemiin hin jibbu. Gara lixaatiin Filisxeemitti ka'an; isaan lachuu wolii galanii banii baya biiftu'uutiin jiru saaman; worra Eedoomiitii fi worra Moo'aabiititti ka'an; worri Amoonii isaan bulchan. Rabbi bubbee nama tumuun galaana Misirii gossa; harka ufii gara laga Efraaxisii hiixata; laga yaa'u torba godhee gara gara baasa; kanaafuu namoonni kophema ufiitiin ceeyuu danda'an. Akkuma hennaa Israa'el biyya Misiriitii bayu ta'e; banii Asooriin irraa hafeellee akkasuma karaan qophaayaaf. Bara san akkana jetta; «Yaa Rabbi; dura naan loltee turte; amma garuu loluu dhiifte; akkasuma waan na jajjabeessiteef si galatoonfadha. Kunoo Rabbi fayyinna kiyya; isa abdadha; hin sodaadhulle'e; Rabbi Gooftaan jajjabeennaa fi faaruu kiyya; fayyinna naa ta'eera» Burqaawwan fayyinna kiyyaa keessaa gammachu'uun bisaan woraabbattan. Bara san akkana jettan; «Rabbiin galatoonfadhaa'a! maqaa isaa waamadhaa'a! waan inni godhe worra Yihuudota hin taate jiddu'utti beessisaa'a; akka kabajjamellee labsaa'a. Rabbii faarfadhaa'a; Inni waan hujii guddaa hojjateeruuf; kun adunyaa marattuu haa beekkamuu. Isin banii Tsiyoonii! ililfadhaa'a gammachu'uun faarfadhaa'a! woyyichi Israa'elii ka isin jidduu jiru waan guddaa ta'eef. Waan Isaayyaas ilmi Amootsii argee hime. Sammuu tulluuwwan barbadooftee irratti malkata fannisaa'a; sagalee keessan ol qabadha'aa iyyaa'a; akka balbala abboota murti'iitiin seenan; harkaan malkata kenna'aaf. Woyyoota tiyya ta mooteen kiyya isaan gammachiisu hin ajaja; dheekkamsa kiyya akka naa raawwataniif loltoota tiyya waameera. Laagaa gaarran irratti akka woca banii hedduutitti dhagayamu caqasaa'a; laagaa wocaa ka akka banii hucuucamee ta'ee dhagayaa'a; Rabbi Gooftaan banii maraa; loltoota ufii lolaaf hiriirseera. Rabbii fi meeshaan woraana dheekkamsa isaa; lafa maraa balleessu'uuf; biyya fago'oo; daangaa samiiwwaniitii dhufaniiran. Guyyaan Rabbii waan dhiyaateeruuf booyaa'a; Waaqa waa mara danda'u biraa badiin waan dhufuuf. Kanaafuu harki maruu hin laamshaya; onneen nama maraatuu hin baxxi. Raafamni isaan qabata; rakko'oo fi hucuucamatu isaan irra gaya; akka dubartii ciniinsifattuutitti ciniinsifatan. ija naasu'uutiin wol laalan fuulli isaanii soda'aan gurraachata. Kunoo guyyaan Rabbii dhiyaateera; lafa ona taasisu'uuf; cubbamtoota isii keessa jiran balleessu'uuf bala'aa fi dheekkamsa ufii jaba'aan dhufa. Urjiiwwan sami'iitii fi duultonni isaanii; ifa hin kennan; aduun akkuma baateen dukkanoofti; jiini ifa hin kennu. Adunyaa hammeenna isi'iitiif hammeeyyii cubbuu isaaniitiif adaba; uf jajuu worra boonuu hin diiga; uf tuuluu gar jabeeyyi'iillee hin salphisa. Nama worqii baffame caalaa mi'aa'a; worqii oofeerii caalaa dharraa godha. Kanaafuu balaa Rabbii Gooftaa banii maraatiin; hennaa dheekkamsi isaa bobayu; samiiwwan sochoosa; ardiillee hule'ee sochoosa. Akka kuruphee dhadhoolanii; akka tika hoolotaa ka tissee hin qabnee; namni maruu gara worra ufii deebi'a; namni maruu gara biyya ufii dheessa. Ka booji'ame maruu hin woraannama; ka qabame maruu billawaan dhuma. Uduu ijji isaanii argitu daa'imman isaanii cicciraman; manni isaanii hin saamama; dubartiin isaanii hin uggamti. Kunoo worra Meedoonii worra meeti'ii hajaa hin qabne; ka worqi'itti hin gammanne; isaanitti kakkaasa. Buundheen isaanii dargaggeeyyii fixa; daa'immanillee hin hambisu; ijji isaanii daa'immanii garaa hin laafu. Baabiloonii mootota caalaa mi'a'aa; boona worra Kalaadotaa taate; Rabbi akka Soodomiitii fi Gamora'aa gara galcha. Baroota maraa keessatti lamuu ka isii keessa taa'u hin jiru; Arabni achitti daasee hin dhaabatu; tisseen horii ufii achi irra hin yaasu; garuu busaayaa lafa gammoojji'iititu achi irra ciciisa; manniin jeedallaniin guuttama; urunguuwwan achi keessa jiraatan; Guchiiwwan, re'iin lafa gammoojji'iillee achi keessa jiraatan. Woraabessi maandhee isi'ii keessatti; mana isi'ii ka mootumma'aa keessaa jeedallantu iyya; barri isi'ii dhiyaateera; guyyoonni isi'iillee hin dheeratu; turu. Rabbi Yaaqoobii garaa laafa; Israa'eliin deebi'ee filata; biyya isaanii keessa isaan jiraachisa; worri isaanitti gale isaan woliin jiratan; mana Yaaqoobiitiin wol ta'an. Worra Yihuudii hin taanetu isaan fudhata; gara hulee isaaniititti isaan deebisan; manni Israa'elii worra Yihuudii hin taane ristii ufii godhatan; Ardii Rabbii irratti ijoollee intalaatii fi ta dhiiraa garboonfatanii bulchan. Gaafa Rabbi rakkoo kee irraa; hucuucca'aa fi garbummaa cimaa jalaa hara si baafachiise; Mootii Baabilooniititti baldita; akkana jetta; cunqursaan attamitti dhumate! gabbarsiisuun isaa hoo attamitti raawwatame! Rabbi bokkuu hammeeyyi'ii; ulee mootummaa isaaniillee cabseera. Ka banii dheekkamsa addaan hin cinneen dhaye; ka gara laafinna malee ari'a'aa tume cabseera. Ardiin maruu nagaya fi hara baafannaa argatteerti; faaruu gammachu'uu dhageessifti. Hindheessinii fi birbirsi Libaanosiituu gammadaniiran; «atillee hin kufte; ka muka murullee dhagaraa ol nutti hin fudhanne» jedhan. Hennaa dhufte asaabni si simacu'uuf qophoofteerti; akka si simataniif worra hafuura ekera'aa waamu; worra adunyaa bulcha'aa turan maraa dammassiteerti; mootota banii irratti mooyan; teessoo isaanii irraa buufteerti. Isaan maruu sii deebisan; akkana siin jedhan; ‹Atillee akkuma keenna dadhabde; akkuma keenna taate» Ulfinni kee kiraara sagalee guddaa dhageessisu woliin; gara asaabaa bu'e; xiinxanaan si jalatti afameera; raammoollee irraan dhayatta. Ati ilma ganamaa; bakkalcha bari'ii; attamitti samii irraa kufte! ati ka dura mootota salphifte; attamitti gara lafaa gad darbamte! Garaa kee keessatti akkana jette; «Gara sami'ii ol baya; teessoo kiyya urjiiwwan Rabbiitii ol taasifadha; gaara irratti wol gayan; gubbaa gaara woyyoomee irratti; teessoo kiyya irra taa'a. Duumessaa olitti ol baya; akka ka maraa olii uf godha. Garuu gara asaabaa; gara boolla gad fago'oo buuteerta. Worri si argu guuttatanii si laala'aa; maalalfata'aa waan kee akkana jedhan; «Ka ardii raase sun; ka mootota hollachiise nama kanaa? Ka adunyaa gammoojjii godhe; ka qachoota diige; worra booji'ame ka akka gara biyya ufii hin deemne dhoogge kanaa? Mootonni bani'ii maruu ulfinnaan du'aan deeman; awwaala ufii keessatti hara baafataniiran. Ati garuu uduu hin awwaalamnin akka baala mukaa ka irra deemanii taatee gatamteerta; reeffi kee reeffa namoota woraanaan dhumateen uwwifameera; reeffuma isaanii woliin boolla dhaga'aa keessatti gatamee irra deemameera. Isaan woliin awwaala keessa hin teettu; lafa kee waan balleessiteef; banii keellee fixxeerta. fiixaan worra hammeenna hojjatuu sirima hin qaabatamu. Ka'anii akka lafa hin dhaalle; adunyaa akka qachoota isaaniitiin hin guunne; waan cubbuu abboota ufiitiif; hulee ijoolleen isaanii ta dhiiraa itti qalaman qopheessan. «Isaanitti ka'a» jedha Rabbi Gooftaan banii maraa; «maqaa isi'iitii fi hafteewwan isi'ii; sanyi'ii fi dhaloota isi'ii; Baabilooniin keessaa kuta» jedha Rabbi. «Hulee dhaddeen keessa jiraattu; lafa leepho'oo isii taasisa; haxaawwii badi'iitiin isii haxaaya» jedha Rabbi Gooftaan banii maraa. Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedhee kakateera; «Akkuma karoorse dhugamaan akkasuma ta'a; akkuma yaade ta'a. Asooriin lafa tiyya irratti bulleessa; gaara kiyya irratti irra deema; qabmarri banii kiyya irraa ka'a; ba'aan gurmuu isaanii irraa hin bu'a. Karoorri ardii maraaf yaadame kana; harki banii maraaf qophaaye kanuma; Rabbi Gooftaan banii maraa akkana yaadeera; eentu isa dhoogga? harki isaa hiixatamteertii? eentu deebisa ree? Woggaa mootichi Akaaz du'etti dubbiin akkana jedhu dhufe; Isin worra Filisxeemii! uleen isin dhoofte waan cabdeef isin maruu hin gammadinaa'a; bofa jalaan buutiin waan baatuuf; daraaraan isi'ii bofa hadha'aa fixiramaa ta'aa. Worri hiyyeessa caalaa hiyyoomellee hulee itti bobba'an argatan; worri rakkatellee bashannananii rafan; hidda kee garuu beelaan ajjeesa; haftee teellee hin fixa. Yaa balbala! bade jedhi; yaa qachaa'a; iyyi Worra Filisxeemii isin maruu naasu'uun baqaa'a aarri kaabaa gara kee dhufeera; ka hiriira keessaa bayee hafu waan hin jirreef. Worra dhaamsaan banii san keessaa dhufanii deebii maal kennaniif? deebiin «Rabbi Tsiyooniin hundeesseera; baniin rakkinni irra gayellee isii keessatti irkoo argateera» ka jedhu. Dubbiin waan Moo'aabiitiif dubbatame kana; Eeriin Moo'abii diiggamteerti; halkan tokkoon barabdoofte; Qiiriin Moo'abii hin diiggamte; halkan tokkoon barbadoofte. Diboon gara mana woyyu'uu baye; booyu'uuf gara tullu'uu baye; Moo'aab waan Naaba'aa, waan Meedibaamiillee; iyya dhageessisa. mataan maruu cirameera; areenni maruu haadameera. Karaa marattuu uffata gaddaa uffatan; gamoowwanii fi bayimatti maruu hin booyan imimmaan jissan. Haseboonii fi Eeliyaali hin iyyan; laagaan isaanii haga Yahaadiititti dhagayame; kanaafuu loltoonni Moo'aabii hin iyyan; garaan isaanii hin raafame. Garaan kiyya waan Moo'aabiitiif hin booye; baqattoonni isaaniillee haga Zoo'aarii; haga Eeglaatii, haga Shilishiya'aa dheessan; imimmaan ufii dhangalaasa'aa; gara Luhiitii bayan; karaa Horonaayimii irratti waan badii ufiitiif banne jedha'aa yaa'an. Bisaan Neemire'ee goganiiran; margi quureera; biqillillee badeera; wonti lalisaan hin mudhatu. Kanaafuu durummaa argatan; qabeenna kuufatan; baadhatanii laga Ahaya'aa ceesisa; iyyi isaanii haga Eglaayimii; mararoon isaanii haga Bi'eeri'iiliimii gaye. Laggiin Diboonii dhiigaan guuttamaniiran; Dibooniin irratti garuu waan san caalu fida; worra Moo'aabiin keessaa dheessan; worra lafa san irratti hafanittillee leenca erga. Seelaa lafa gammoojji'ii gama jirtu keessaa; bulchaa biyyaa; gara gaara intala Tsiyoonii; gibira korbeessa hoola'aa ergaa'a. Akka simbirran goom'ee ufiitii ari'amanii jaanjuranii intallan Moo'aabiillee hulee laga Aarnoonii ceeyaniin biratti akkasuma ta'an. «Gorsa nuu arjoomaa'a; murtii nuu kennaa'a; guyya'aan gaaddisa keessan; akka halkaniititti nuun golgaa'a; worra dheessan dhossaa'a; baqattoota dabarsitanii hin kenninaa'a. Baqattoonni Moo'aabii isin bira haa turanii; isin ka isaan balleessu irraa irkoo ta'aafii'i» dhumti ka cunqursuu hin dhufa; badiin isaa hin dhaabata ka uf jajullee lafa irraa bada. Teessoon jaalalaan hundaaya; ka mana Daawitii keessaa ta'e; ka haqaan murtii barbaadu; ka balchummaa ariifachiisu; namni tokko amanamumma'aan isa irra taa'a. Boonuu Moo'aabii; guddisee boonu'uu fi uf tuuluu isaa; dhaadu'uu fi gad dhiifamaa ta'uu isaa dhageenneerra boonuun isaa garuu duwwa'a. Kanaafuu worri Moo'aabii banne jedhan; wolumaan waan Moo'aabiitiif bannee dhageessisan; waan qaabii worra qachaa Qirihaaraaseetii gaddaan booyan. Qonni Haseboonii; biqiltuun woyinii Seebaama'aa quureera; bulchoonni bani'ii; Iyyaazeeriin lufanii lafa gammoojji'ii keessa ceeyanii worra hidda isaanii haga galaanaa dheereffatanii turan; biqiltuu woyini'ii filatamaa irra deemaniiran. Kanaafuu akka biqiltuu woyini'ii ka Seebaama'aatitti akkuma Iyyaazeer bootte; anillee hin booya; yaa Haseboon; yaa Eeliyaal; imimmaan kiyyaan si jiisa; wony'i hennaa ati daraaraa daraarte ture; gammachuun hennaa midhaan kee gaye waan adda citeef. Gammachuunii fi usheexxuun hulee woyini'iitii badeera; hulee biqiltuu woyini'ii faaruun hin jiru; ililfachuunillee hafeera; hulee cuunfaa woyini'iitittillee wonti cuunfan hin jiru; woca worra cuunfuullee waan balleesseef. Kanaafuu garaan kiyya waan Moo'aabiitiif; akka kiraara sagalee guddaa kennuu; gadda mararo'oo dhageessifti; madhumaan kiyyallee waan Qeriheereesiitii hin booya. Uduu Moo'aab gara tullu'uu bayee; bu'aan isaa dadhabbima; faateffachu'uuf uduu gara mana woyyuu waaqa tolfamaa ufii seenelle'ee; gatii hin qabu. Wonti Rabbi bara durii waan Moo'aabii dubbate kana. Amma garuu Rabbi akkana jedha, «Akkuma namni hujii hennaa hago'ootiif qaxarame wolii galteen jalaa dhaabatu, ulfinni Moo'aabiitii fi baniin isi'ii maruu woggaa sadihii keessatti salphata; baniin hafe garuu hago'oo fi dadhabaa ta'a.» Dubbii waan Damaasqo'ootiif dubbatame; «Ammaa achi Damaasqoon qachaa ta'uun isi'ii hin hafa; tuulaa diiggame taati. Qachoonni Aro'eerii duwwaa ta'an; hulee hoolonni itti bobbaatu ta'an; ka isaan sodaachisu hin jiru. Ijaarsi qachaa Efreemii; baalliin moototaa Damaasqoo irraa bu'a; hafteen Sooriya'aa akka ulfinna Israa'elii ta'a.» jedha Rabbi Gooftaan banii maraa. «Bara san ulfinni Yaaqoobii hin dhumata; furdinni nafa isaa hin quura. Akkuma ka haamu midhaan dhaabatu wolitti qabee; qaranaa harkaan haamu; kunillee akkuma qarmii dhooqa Raffaayimiitii guuranii ta'a. Ta'ullee akkuma ejersi yoo dhayan daraaraan lamaa yookaan sadihii; qaccee haafaa irratti akkuma hafu; daraaraan afurii yookaan shanii damee haafa qabuu irratti akkuma hafu; akkasuma qarmiin diqqoon Israa'elii hafa.» jedha Rabbi Waandhi Israa'elii. Gaafas namoonni gara uumaa ufii laalan; ijji isaaniillee gara woyyicha Israa'elii deebi'a. Gara meeshaawwan harka ufiitiin hojjatanii hin laalan; gara hulee ciinca'aa ka harka ufiitiin hojjatanii ka hixaana itti dhiyeessan; utubaawwan waaqeffanna'aa ka asheera'aatii; ulfinna hin kennan. Hennaa san akkuma qachoonni worra Amoorotaatii fi qachoonni worra Eewwotaa worra Israa'elii afo'oo diiggaman, qachoonni teellee diiggamanii duwwaa ta'an. Israa'eel! Waaqa fayyisaa kee irraanfatteerta; goda kee ka dhaga'aa ka itti dhokattu hin hubanne; kanaafuu yoo biqiltuu filatamaa dhaabdellee sanyii haarawallee yoo facaafte; yoo akka gaafa dhaabde biqilu; bariisama gaafa facaaftee akka daraaru gootellee; gaafa haama'aa dhibe'ee fi dhukkuba hin fayyineen akka hin jirre taa'a. Ee laagaa lola banii hedduu; akka bubbee galaanaatitti iyya; Ee iyya guddaa namootaa; akka bisaan hunna qabuutitti huursa. namoonni akka bisaan hunna qabuutitti iyyanii yoo huursanillee yoo inni isaan xixe, akka daaraa tulluu irraa qilleensaan bittinnaayuuti; akka buraa qilleensa bubbe'eetiin bittinnaayuutitti bittinnaayan. Kunoo hennaa galgalaayu dimmaa raafame; yoo bariitu garuu womaa hin argamne; hireen worra nu saamanii; carraan worra nu fixanii kana ta'e. Lafa laggiin Itoophiya'aa gama jirtu; ta koola hargufamu qabduu hobbaas! Tunillee ta ergamtoota galaana irraan; ta laga gamaa yabala dhallaaddu'uutiin ergitu; isin ergamtoonni ariifattan; gara banii dhedheera'aatii fi ka gogaa lallaafa'aa; banii fago'oo fi dhiyo'ottillee sodaatamu; jabaa'aa fi ka afaan isaa namaa hin galle; gara mootota laggiin isaanii lafa isaanii qoqqooduu deemaa'a! Isin banii adunya'aa; worri ardii irra jiraattan maruu; gaarran irratti malkata fannifame argitan; hennaa xurumbaa afuufan hin dhageettan. Rabbi akkana naan jedheera; «cadhisee taa'a; akka oo'a adu'uu ka hulee ufiitii ifuu; akka duumessa oo'a haama'aa keessa bu'ee ta'ee laala.» Haama'aan dura yoo hennaan abaabo'oo lufe; yoo abaaboon akka daraaraa woyini'ii ka gayee ta'e; ka gaalee woyini'ii irratti biqile maqasi'iin cira; damee irraa kukkutee balleessa. Maruu allaattii butu ka gaara irra jiraatuu; bineensa bosonaatii dhiisan; allaattiin bona guutuu nyaata'aa dabarsan; bineensi bosonaallee ganna guutuu nyaata'aa dabarsan. Hennaa san Rabbii Gooftaa banii maraatiif; banii dhedheera'aa fi cululuqa'aa; banii fago'oo fi dhiyo'ottillee sodaatamu; jaba'aa fi ka afaan isaanii namaa hin galle; mootummaa laggiiwwan lafa isaanii gar gar qoodu irraa; kennaan dhufaaf; kennaan gara gaara Tsiyoonii ka maqaan Rabbi Gooftaan banii maraa jiruu dhufa. Dubbii waan Misiriitiif dubbatame; Kunoo Rabbi duumessa ariifataa irra taa'ee; gara Misirii dhufa; waaqoleen tolfamaan Misirii isa afo'otti hollatan; onneen worra Misirii isaan keessatti baxxi. «Worra Misirii Misiritti kaasa; obboleessi obboleessatti; hiriyyaan hiriyya'atti; qachaan qacha'atti; mootummaan mootumma'aan wol woraana. Onneen worra Misirii hin hatamti; karoora isaaniillee duwwaa taasisa; isaan waaqolee tolfama'aa fi worra ekeraa waamu; worra ekeraa waamuu fi mortuu; gorsa gaafata. Worra Misirii dabarsee; irree Gooftaa gar jabeessaatitti isaan kenna; mootii sodaachisa'atu isaan bulcha» jedha Rabbi Gooftaan abnii maraa. Galaanni abbaayii hin dhidhata; bisaan hanqata'aa deema. Jallisiin hin ajaaya; fincaawwan Misirii hin dhidhatan; hin badan; dhallaadduunii fi beeleen hin quuran. Akkasuma daangaa abbaayiititti; biqiltuun qarqara yaa'a lagaa jiran; hin quuran; wonti daangaa abbaayiititti facaafame maruu; qilleensaan fudhatama; womaa hin hafan. Worri qurxummii qaban hin gaddan; worri laga abbaayii irra siiboo darbatan maruu; hin booyan; worri bisaan irra woshaadoo ufii darbatan maruu; hunni isaanii hin hadooda. Worri fuuttaa baasuu fi worri quuncee talba'aa irraa uffata dhayu; abdii kutatan. Worri uffata dhayu hin gaddan; worri mindaa argatullee garaa keessa yaaddayan. Worri Xaanewoosiin bulchan gowwa'a; gorsi ogeeyyii Fari'oonii duwwa'a; Fari'ooniin, «Ogeeyyii keessaa tokko ana; duuka bu'aa mootota duriiti» attamitti jettaniin? Ogeeyyiin keessan amma eessa jiran? Rabbi Gooftaan banii maraa; waan biyya Misiriititti yaade; mee isinitti haa mudhisanii; isinitti haa beessisanille'ee; Bulchoonni Xaanewoosii gowwoomaniiru; muudamtoonni Meemfiisiillee sobamaniiran; banii keessaa worri ijoon Misiriin dogoggorsaniiran. Rabbi hafuura hadoochu isaanitti jisseera; akkuma machaayaan haqqee ufii irra maru; Misiriinillee waan gootu maraan akka gatantartu godhan. Mataa ta'ee'e eegee'e; haafa meexxi'ii taa'ee'e dhallaadduu; wonti Misirii godhan tokkollee hin jiru. Hennaan baniin biyya Misirii sodaatanii akka dubarti'ii ta'an hin dhufa; hennaa Waandhi banii maraa isaan adabu'uuf hunna ufii mudhisu sodaatanii hollatan. Baniin biyya Yihuuda'aa banii biyya Misirii naasisan; wonti kun ta'uuf Rabbi Waandhi banii maraa akka isaan adabu waan beekaniif. Hennaa san biyya Misirii keessatti qachoota shanii ka afaan biyya Kana'aaniitiin dubbatan worra maqaa Rabbii Waaqa Israa'eliitiin kakatan ta'an qachoota kanniin keessaa qachaan takka «Qachaa badi'ii» jedhamtee waamamti. Hennaa san biyya Misirii keessatti hulee ciincaa Rabbii itti dhiyeessan hojjatan daangaa biyya Misiriitittillee utubaa dhaga'aa ka malkata raga'aa dhaaban. Kun Rabbii Gooftaa banii maraatii fi biyya Misirii jiddu'utti raga'aa fi malkata ta'a; isaan sababaa worri isaan rakkisu waan isaan miidhaniif Rabbitti iyyatan; innillee qorichaa fi hunna isaanii ta'ee isaan oolcha. Hennaa san Rabbi biyya Misirii maraa keessatti hin beekkama; worri Misiriillee isa beekan, ciinca'aa fi kennaa gara garaatiin isa waaqeffatan; Rabbii woreega galanii waan woreega galan san raawwatan. Rabbi biyya Misirii hin adaba; garuu deebisee isaan fayyisa; isaanillee gara isaa deebi'an, innillee kadhaa isaanii dhagayee isaan oolcha. Hennaa san biyya Misiriitii fi Asooriin jidduu karaa badhaa gudda'atu baya; baniin biyya lamaan kanniinii biyyi tokko gara biyya tokkoo lufa; waaqeffannaan biyya lamaaniituu tokko ta'a. Hennaa san baniin Israa'elii biyya Misiriitii fi biyya Asooriitii sadeessoo ta'anii laakkayaman; Rabbi Gooftaan banii maraa «Baniin kiyya Misiri; Asoori hujii harka kiyyaa, ristiin kiyya Israa'el haa eebbifamu» jedhee isaan eebbisa. Ajajaan woraanaa ijoon mootii Asoorii Saargoon ergamee woggaa qachaa Azaaxoonii qabate, Bara san Rabbi ilma Amootsii raatticha Isaayyaasiin, «Deemii uffata gaddaa kee uf irraa mulqi; kophee keellee lukaa baafadhu» jedhee itti dubbate; innillee uffata gaddaa mulqatee, kophee ufiillee baafatee qullaa deeme. Rabbi akkuma garbichi kiyya Isaayyaas biyya Misiriitii fi biyya Itoophiya'aa keessatti woggaa sadihiif malkataa fi waan baasaatiif qulla'aa fi kophee malee deeme, akkasuma mootiin biyya Asoorii boojuu biyya Misiriitii fi ka biyya Itoophiya'aa, jaarsaa fi ka'imman qullaa hafanii kophee lukaa baafatanii akka gara rakkinna biyya Misirii dhaqan isaan godha. Worri Itoophiyaa abdatan, worri Misiriin dhaadatan hin sodaatan, hin salphatan. Hennaa san worri galaana ladda jiraatan ‹Nu'u mootii biyya Asoorii jalaa oolu'uuf abdiin keenna ka gargaarsa argachu'uuf gara isaanii dheessine kana, nullee attamiin jalaa baana?» jedhan. Dubbiin daangaa galaana lafa gammoojji'iititti dubbatame; akkuma haboonbolattiin kibbaa haxaaya'aa dhufu; worri reebu biyya worra nagaya booreessuutii; lafa gammoojji'iitii dhufan. Ani mudhata rakkisaa arge; gantichi dabarsee kenna; saamtichi hin saama; Eelaam! ka'i; Meedoon ka'ii marsi! rakkinna isiin fidde maraa hin hambisa. Rakkinna kanaan duddi na cite; akka dubartii ciniinsifattuutitti hucuucame; waan dhagayeen gatantare; waan argeen raafame. Garaan na raafame; sodaan na hollachiise; ifti ani hawwe; sodaa guddaa na keessa bulche. Dhiyana qopheessan; afaa afan; hin nyaatan; hin dhugan! isin muudamtoonni ka'aa'a! wontee dhadha'aan qulqulleessaa'a! Gooftaan akkana naan jedhe; «Deemi; ka eegu dhaabi; waan arge haa dubbatuu. Konkolaataa fardaa; ka farado'oon harkifamu yoo arge; worra harree yaabbatan; worra gaalaan gulufan yoo arge; haa beekuu; midhaassee haa hubatuu.» Ka eegu hin iyye; akkana jedheen; «Gooftaa'a! guyyaa maraa siree rarraasa'aa irra dhaabadheera; halkan maraa hulema kiyya jira; namichi tokko konkolaataa fardaan harkifamuun dhufeera; akkana jedhe, ‹Baabiloon kufte; kufte! fakiiwwan waaqa isi'ii maruu; caccabanii lafatti kufan›» Isin banii kiyya ka oobdii irratti dhayamtan! waan Rabbi Gooftaa banii maraa irraa; waan Waaqa Israa'elii irraa dhagaye sitti hima. Dubbiin waan Eedoomiitiif dubbatame; namni tokko Seeyirii na waamee; «Eedduu'u! bari'iif hennaa hagamtu hafe? eedduu'u! bari'uuf hennaa hagamtu hafe?» naan jedhe. Ka eegullee deebisee, «Hin bari'a; garuu deebi'ee dhiya; yoo gaafachuu barbaaddan gaafadhaa'a; garuu deebi'a'aa koottaa'a» jedhe. Dubbii waan biyya Arabaa dubbatame; isin worri bosona Arabaatitti quphattan; daldaltoonni Diidaanii Siraara'aa; Worra dheebotee bisaan fidaa'a; worri Teemaaniin jiraattan; baqattootaa nyaata fidaa'a. Guraadee jalaa; guraadee luqqifatame jalaa; buundhee namatti qaban; woraana jabaate keessa waan dheessaniiraniif. Gooftaan akkana naan jedhe, «Akkuma wolii galteen hojjata'aa fi hojjachiisa'aa dhumu ulfinni gosa Qeedaarii woggama tokko keessatti bada. Worri buundhee qabatanii lolan ka loltoota gosa Qeedaarii keessaa hafan namoota hago'o; waan kana ana Rabbii Waaqa Israa'eliititu dubbate.» Dubbii hulee «Mudhata dhooqaa» jedhamee waamamutti dubbatame; mee isin maruu maal rakkattaniiti; ka mana mana gubba'aa irra baatan? Ati qachaan wony'i keessa guute; qachaa raafamaatii fi ta burraaqaa; worri si keessatti ajjeefaman worra guraade'een dhumanii miti; woraanaanillee hin duune; masakkoonni kee maruu wolumaan dheessan; buundhemallee uduu ol hin fuudhanne booji'amaniiran; worri uduu diinni fagoo jiru dheessitan maruu; qabamtanii wolumaan hidhamtaniirtan. Kanaafuu «Na irraa fagaadhaa'a; mararamee booyaa; waan badii banii kiyyaa na jajjabeessuu hin yaalinaa'a» jedhe. Rabbi; Rabbi Gooftaan banii maraa; dhooqa mudhataatitti; hulee wocaa, hulee itti dhiitamanii fi ka raafamaa, gaafa dallaya diigan; gaafa gara gaarraniititti iyyan qaba. Eelaam; qola woraanaa; fardaa fi konkolaataa fardaa qopheeffatte; Qiirillee wontee ufii ol fudhatte. Dhooqaawwan kee lalisaa konkolaataan fardaa kee ol guuteera; worri fardaallee balbala qachaa teetii irra dhaabataniiran. Waan Yihuudaan golgattuunillee diiganiiran; gaafas meeshaa woraanaa ka mana kuusaa bosona keessaa argite. Qachaa Daawitii; ka wonti hedduun diiggame argitan; haroo gadiititti bisaan kuuftan. Manniin Yerusaalemiin keessa jiru hin laakkoftan; dallaya jabeessu'uuf manniin diiddan. Bisaan kuufama durii keessaa bayuu fi dallaya lamaan jiddu'utti hulee bisaan itti kuufamu ijaartan; garuu ka waan kana godhe hin laalle; ka dura karoorsee hojjate hin hubanne. Bara san Gooftaan; Rabbi Gooftaan banii maraa akka boottanii fi bade jedha'aa akka iyyitan; akka rifeensa keessan buqqiftan; akka uffata gaddaa uffattan isin waame. Garuu kunoo gammachu'uu fi qananii; jibichaa fi korbeessa qaluun; foon nyaachu'uu fi daadhii woyini'ii dhuguun jira; «Boru waan duunuuf adha haa nyaannuu; haa dhunnuu; » jettan. Rabbi Waandhi banii maraa « Yakki kun yoo duutanillee dhugamaan isinii hin dhiifamu» jedha Gooftaan; Rabbi Gooftaan banii maraa. Gooftaan; Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedha; «Deemii nyaachisaa kana; Saaminaasii bulchaa manaatiin akkana jedhi; ‹Asii maal goota? akka hulee kanatti bakka awwaalaa qopheeffattu; hulee ol gubba'aa irratti akka bakka itti awwaalamtu bucattu; akka dhagaa reeffi kee irra ciisu bocattu eentu sii eeyyame?› Ati nama jabaa'a; uf eegi; Rabbi jabeessee si qabu'uuf; harkaan qabee si darbu'uuf ta'a. Si marsee si marsee akka kubba'aa si marsee; gara biyya badha'aa si darba; ati mana Goofta'aa ka hara baafannaa keetiititti duuta. konkolaataawwan kee ka ulfinnaa achitti hafan. Hulee ulfinnaa kee irraa gad si buusa; baallii kee irraallee si ari'a! «Gaafas tajaajilaa kiyya, Eliyaaqeemii ilma Kelqiyaasii hin waama; uffata kee itti uwwisa; sabbata keellee hin kennaaf; baallii kee kennaaf; inni banii Yerusaalemiin keessa jiraatan, mana Yihuuda'aatiifillee abbaa ta'a. Furtuu balbala mana Daawitii kennaaf; ka inni bane cufuu, ka inni cufe garuu eennullee ka banu hin jiru. Ani isa akka xiribbaa jaba'aatitti isa dhaaba; maatii mana abbaa isaatiif nama ulfinnaa isa taasisa. Meeshaa ulfinnaa ka mana abbaa isaa ka ilmaanii, ka abbootaatii fi ka akaakayyootaallee xuwwe'ee fi otteellee meeshaa didiqqaa maraa itti fannisan. «Guyyaa san» jedha Rabbi Gooftaan banii maraa; «Hennaa wonti kun maruu raawwatu xiribbaan meeshaa itti fannifatan jabaan kun hin kufa; meeshaan xiribbaa kana irratti fannifame maruu kufee caccaba» jedha; Rabbi waan kana dubbateera. Dubbii waan Xiroosiitiif dubbatame; markaboota Tarseesii banne jedhaa'a; Xiroos waan diiggamteef; manaa fi buufata markabaa malee hafteerti; biyya Qophiroosiitii; oduun isaanii bayeera. Isin worri duroomtan ka galaana irra deemtan; worri lafa bisaaniin marfamte irra jiraattan; daldaltoonni Siidoona'aallee cadhisaa'a. Bisaan gugurdaa irra; Xiroosii midhaan Shiihoorii dhufa'aa ture; midhaan abbaayii galii isi'ii ture; isiin buufata daldala moototaa taate. Qachaa Siidoona'aa! ati maandheen galaanaa; sodaadhu; galaanni «Hin ciniinsifanne; hin deenne; ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa hin guddifne» waan jedheeruuf. Oduun biyya Xiroosiitii dhufu; hennaa biyya Misiriititti dhagayamu hin hucuucaman. Isin worri lafa bisaaniin marfamte irra jiraattan; banne'een booyaa'a gara Tarseesiillee ceeyaa'a. Ta lutti isi'ii biyya fagoo fidde; ta akka achitti quphattu isii goote; qachaan bara durii; qachaan teessan ta gammachu'uutii fi ta qanani'ii tanaa? Ta gulloo ulfinnaa godhatte; ta daldaltoonni isi'ii abboota murti'ii ta'an; ta worri ulfinnaa ka gurguratuu fi ka jijjiiratu keessa jiraatutti; ka Xiroositti waan kana yaade eennu? Uf jajuu ulfinna maraa salphisu'uuf; waan ardii irratti ol jedhe maraa gad deebisu'uuf Rabbi Gooftaan banii maraa murteesseera. Intala Tarseesii; ammaa achi ka si dhooggu waan hin jirreef; akka laga abbaayii lafa irra gara gali. Rabbi harka ufii galaana irra badhise; mootota isi'iillee hin naasise; maandheewwan Kana'aaniillee akka diiggaman ajaja kenne. Akkana jedhe, «Ati durbi Siidoonii ta miidhamte! ammaa achi hin gammadin! «Ka'ii gara Qophiroosii ceeyi; achittillee nagaya hin argattu» Mee lafa worra Baabiloonii laalaa'a; baniin duwwaa ta'eera; worri Asoorii ka busaawaan lafa gammoojji'ii keessa burraaqu godhaniiran; ijaarsa gamo'oo itti ijaarataniiran; maandheewwan isi'ii hin diigan; tuulaa waan diiggamee isii taasisan. Isin markaboonni Tarseesii; banne jedhaa'a; maandheen keessan diiggameeraa. Barri qachaan Xiroosii haga woggaa torbaatamaa irraanfatamtee haftu hin dhufa; barri kun umurii mootii tokkooti; haga barri sun lufeen maayessa Xiroos akka dubartii seebartuu sirbaniititti hennaan isi'ii sirban hin dhufa. Ati seebartuu irraanfatamte; kiraara sagalee guddaa dhageessisu ol kaasi; akka yaadatamtu; kiraara kee ka sagalee guddaa dhageessisu; midhaassii dhayi; sirba hedduu sirbi» Woggaa torbaatamaan maayessa Rabbi qachattii Xiroosii hin tooyata; gara hujii daldala isi'ii ka duraatitti isii deebisa; mootota adunyaa keessa jiran maraa woliin seebarti. Qarshiin isiin daldalaan argattu ka Rabbiif woyyoome ta'a; hin kuufamu, wolittillee hin qabamu; tajaajiltoonni Rabbii nyaataa fi uffata irra oolfatan. Kunoo Rabbi lafa duwwaa taasisa; sirima isii balleessa; tuulaa diiggame isii taasisa; worra isii keessa jiraatanillee hin bittinneessa. Wonti maruu bifa tokko ta'a; wonti banii irratti ta'u gadicha irratti; ka hojjataa irratti ta'u gooftaa isaa irratti; ka hojjataa irratti ta'u giiftitti'itti; wonti ka bitu irratti ta'u ka gurguru irratti; wonti ka liqeeffatu irratti ta'u, ka liqeessu irrattillee; wonti ka liqaa deebisu irratti ta'u, ka liqeessu irrattillee hin ta'a. Lafti sirima duwwaa taati; sirima saamamti; Rabbi jecha kana waan dubbateeruuf. Lafti hin goddi; shamtee ciccitti; adunyaan dadhabdee harti; shamtee ciccitti; abboonni murti'ii ka ardii irra jiraatan dadhabanii haran. Lafti banima ufiitiin battoofteerti; seera diiganiiran; seera cabsaniiran; waadaa bara baraa diiganiiran; Kanaafuu abaarsi lafa balleessa; baniin waan yakka ufiitiif adabama; kanaafuu worri ardii irra jiraatan gubataniiru; baay'ee hago'otu hafe. Daadhiin woyini'ii haarofni hin dhumate; biqiltuun woyini'iillee hin goge; worri gammadan maruu hin woyatan. Gammachuun dibbe'ee hin cadhise; iyyi worra lafa dhiituu hin dhaabate; kiraarri sagalee guddaa dhageessisu ka nama gammachiisu haxum jedhe. Ammaa achi sirba'aa daadhii woyini'ii hin dhugan; dhuddoon worra dhugutti hin hadhaaya. Qachaan diiggamte ona taate; karaan manniin seenaniin hin cufame. Bayima marattuu ka daadhii woyini'ii qabdu jedha'aa iyyan; gammachuun maruu gara gaddaa jijjiirama; usheexxuun maruu lafa irraa badeera. Qachattiin sirima diiggamteerti; balballan isi'iillee bututanii kufaniiran. Akkuma yoo ejersa dhayan daraaraan harca'u; akkuma hurbuu woyini'iillee yoo muran qarmiin hafu; lafa irratti; baniinillee akkasuma ta'a. Worri badii irraa hafan laagaa ufii ol qabatan; gammachu'uun iyyan; gara lixaatiillee ulfinna Rabbii dhageessisan. Kanaafuu gara baya biiftu'uutii ulfinna Rabbii kennaa'a; lafa bisaaniin marfamte ta galaana keessaatiillee maqaan Rabbii Waaqa Israa'elii; kabajjaa'a. Faaruu «Woyyichaaf ulfinni haa ta'u» jedhu; daangaa lafaatii dhageenne; ani garuu, «Hin huqqadhe; hin qadhadhe; na hobbaasi! gantoonni dabarsanii kennan; gantoonni gantummaa ufiitiin dabarsanii kennan» jedhe. Banii lafa irraa! raafamni, boollinii fi siiboon isin eega'aaran. Ka laagaa raafamaa dheessu; boolla seena; ka boollaa baye; siibo'otu qaba; waan foddaawwan sami'ii banamaniif; hundeen lafaallee hin raafamte. Lafti hin baqaxxe; lafti gar gar qoodamte; lafti sirima raafamte. Lafti akka machaaya'aatitti jaanjoofte; akka goom'ee qilleensi raasuu taate; akki dhibuu isi'ii waan ulfaataa ta'eef; hin kufti; deebitee hin kaatu. Bara san Rabbi; hunna samiiwwan gubbaa jiran; mootota gad ardii irra jiran; isaan adaba. Akka hidhamtoota boolla keessa jiranii; wolitti guuraman; manuma hidha'aatitti isaanitti cufama; guyyaa hedduun maayessa murti'iif dhiyaatan. Rabbi Gooftaan banii maraa; gaara Tsiyooniitii fi Yerusaalemitti; jaarsota afo'ottillee ulfinnaan waan mooyuuf; addeessi hin rifatti; aduunillee hin saalfatti. Yaa Rabbi! ati Waaqa kiyya; si kabajja; maqaa kee jaja; waan maalale'ee ka dura yaadame; amanamummaa guutu'uun waan raawwatteef. Qachattii tuulaa dhaga'aa gooteerta; qachattii dallayamtellee diiddeerta; qachaan ormaa ta dallayamte; ammaa achi hin jiraattu; deebiteellee hin ijaaramtu. Kanaafuu baniin jajjabaan si kabajjan; qachoonni gar jabeeyyi'ii ka worra Yihuudota hin taaneellee; si sodaatan. Hiyyeessaa irkoo; ka rakkata'aa hennaa rakko'oo dawo'oo; ka dambalii jalaa itti dhokatan; oo'a adu'uutittillee gaaddisa taateef; hafuurri gar jabeeyyi'ii akka dambalii girgidda'atti bu'uu waan ta'eef; Akkuma oo'a lafa gammoojji'iiti; iyya ormaa haxum goota; akkuma oo'i gaaddisa duumessaatiin qabbanaayu faaruun worra gar jabeeyyi'iillee akkasuma haxum jedha. Rabbi Gooftaan banii maraa gaara kana irratti; banii maraafuu affeerraa nyaataa guddaa; nyaachisa daadhii woyini'ii ka bilchaate; foon coomaa fi daadhii woyini'ii filatamaa qopheessa. Gaara kana irratti; golga banii kana maraa irratti badhifame; waan mootota irratti uwwifame; hin balleessa. Du'a baraa haga bara baraa hin balleessa; Rabbi Gooftaan; imimmaan fuula maraa irraa haqa; salphinna bani'ii; lafa irraa balleessa; Rabbi waan dubbateef. Hennaa san akkana jedhama; «Waandhi keenna kunoo kana; isa abdanne; innillee nu oolche; Rabbi kana; isa abdanne; nu oolchuu isaatitti haa gammannuu; haa usheexxinuu.» Harki Rabbii gaara kana irra ta'a; garuu akkuma buraan dhoqqe'een wolitti dhiitamu; Moo'aabillee akkasumatti dhiitama. Akkuma ka bisaan daaku harka badhisu; keessa taa'anii harka badhisan; Gooftaan uduu dhara harka isaaniitiin hin sobamne; uf jajuu isaanii salphisa. Dallaya kee ka dheeratee ijaarame gad deebisa; gad isa buusa; gara ardi'ii gad buusee; daaraa irratti gata. Guyyaa san faaruun kun biyya Yihuuda'aatitti faarfatama; qachaa jabduu qabna; Waandhi keenna; dallawwan isi'iitii fi; maandheewwan isi'ii akka oolchan taasiseera. Baniin balchaan; ka amantii ufiititti jabaate; akka seenu; balballan isi'ii banaa'a. Sitti waan amanatteef; lubbuu sitti irkattu sirima nagayaan isii eedda. Baraa haga bara baraa Rabbitti amanaa'a; Rabbi Gooftaan dhagaa qarsa'aa ka bara baraa waan ta'eef. Worra ol gubbaa irra jiraatan gad buusa; qachaa ol guddattellee hin salphisa; lafatti isii gata; daara'aan wolitti isii maka. Lutti lutti worra gad qabamanii faana hiyyeeyyi'iitittu isii irra deema. Waandhana karaan balchootaa hin qajeelchita; Ati qajeeleen; daandii balchootaa hin qajeelchita. Yaa Rabbi! karaa seera keetiitiin deemu'uun; waan si abdanneeruuf; maqaan keetii fi gurri kee hawwii garaa keennaati. Lubbuun tiyya halkaniin si yaaddi; hafuurri kiyyallee si barbaada; hennaa murtiin kee gara ardi'ii dhufu; baniin adunya'aa balchummaa baratan. Hammeeyyiin yoma garaa laafaniifillee; balchummaa hin baratan; biyyuma qajeeltuu keessattuu hammeenna raawwatan; gaachena Rabbii hin hubatan. Yaa Rabbi! irreen kee ol ol jedheera; isaan garuu hin hubanne; hinaaffaa ati banii keetii qabdu haa arganii; haa mullanii; ibiddi diintota keetii qophaaye isaan haa nyaatu. Yaa Rabbi! Ati nagaya nuu hundeessite; waan hojjanne maraa ati nu milkeessite. Yaa Rabbi; Waaqa keenna! siin gama gooftoleen biraa nu bulchaniiran; nu garuu maqaa kee callaa kabajjina. Isaan du'aniiran; ammaa achi jireenna hin qaban; hafuurri isaanii ka'ee hin dhufu; Ati isaan adabde; isaan balleessite; yaadannoo isaanii maraa hin diidde. Yaa Rabbi; banii baay'eessite; banii baay'eessite; ulfinna kee godhatte; daangaa lafaa maraa hin badhifte. Yaa Rabbi; hennaa hucuucaman gara kee dhufan; hennaa isaan xixxe hasaassi'iin faateffatan. Yaa Rabbi! dubartiin ulfaa hennaa deettu; akkuma ciniinsu'uun hucuucamtuu fi akkuma iyyitu; nullee si afo'otti akkasuma taane. Hin ulfoofne; ciniinsu'uun hucuucamne; garuu qilleensa deenne; ardi'iifillee fayyummaa hin finne banii adunya'aa hin deenne. Garuu worri kee ka du'an jiraattota ta'an; reeffi isaaniillee hin ka'a; isin worri biyyee keessa jiraattan; ka'aa'a; gammachu'uun faarfadhaa'a; fixeensi kee akka fixeensa ganamaati; ardiin worra du'e deetti. Banii kiyya! ka'i; gara mana keetii gali; balbala duubaan cufadhu; haga lolli isaa lufuuf diqqoo dhokadhu. Banii ardii irra jiraatu waan cubbuu isaatiif adabu'uuf; kunoo Rabbi hulee jiraatuu bayee dhufa; lafti dhiiga isii irratti jige ol baafti; ammaa achi worra ajjeefamanillee hin dhossitu. Rabbi guyyaa san; leewaataanii bofa filliidamaa leewaataanii jawwee mammaramu; guraadee gudda'aa fi qarama'aan ajjeesa; busaawaa guddaa galaana keessaallee hin mummura. Guyyaa san akkana jedhama; «hulee woyini'ii michu'uuf faarfadhaa'a; Ani Rabbii isa eegu; hennaa maraa bisaan obaasa; kanaafuu eennullee isa hin miidhu; halkanii guyyaa hin eega. Ani amma achi hin lolu; maal uduu qore'ee fi qummuudduun natti ka'anii! uduu lolaaf isaanitti bayee; wolumatti qabee uduu isaan gubee. Yookaan dhufanii hulee itti dhokatan na haa godhatanii; na woliin nagaya haa qabaatanii; Ee; na woliin nagayaan haa jiraatanii.» Baroota dhufanitti Yaaqoob hidda gad fageeffata; Israa'elillee hin muta; abaaboo baasa; daraaraa ufiitiin ardii maraa guutan. Akkuma worra isii dhaye dhaye; Rabbi isiillee hin dhayee? worra isii ajjeese akkuma ajjeese; isiillee hin ajjeesee? Lolaa fi baqaan isi'iin wol qabde; akka gaafa qilleensi baya biiftu'uu qilleensaayutti; haboonbolattii jaba'aan isii ariite. Yaaqoob dhagaa hulee ciinca'aa; akka dhagaa adi'iititti daakee yoo bulleessu; utuba'aa fi hulee ciinca'aa ka hixaana irratti aarsan ka asheera'aa; yoo hule'ee buqqisee gatu; yoo san yakki hin dhiifamaaf; kun bu'aa guutuu cubbuun isaa irraa ka'u'uu ta'a. Qachaan maandhee itti ijaaran ona taate; lafa gammoojji'ii ta gatamte taateerti; waatileen achitti bobba'an; achuma ciciisan; dameewwan isi'ii quuncisanii nyaatan. Haafni isi'ii yoo gogu hin caccaba; dubartoonni dhufanii qoraan godhatan; banii hubannaa hin qabne waan ta'eef; uumaan garaa isaanii hin laafu; ka isaan qamashe isaanii hin araaramu. Gaafas akkuma qonnaan bulaan qamadi'ii fi buraa gar gar baasu Rabbi banii Israa'elii laga Efraaxisiitii kaasee haga daangaa biyya Misirii jiruu wolitti qaba. Hennaa san xurumbaan laagaa guddaa dhageessisu hin afuufama; worri biyya Asoorii keessatti badanii fi worri Israa'elii ka gara biyya Misirii baqatan deebi'anii dhufanii gaara woyyoome ka Israa'elii ka Yerusaalemiin keessatti argamu irratti Rabbii sagadan. Ta machooftuu Efreemiitii yaadannoo taate; ta sammuu dhooqa lalisee gubba'atti ol baatee; abaaboo quurtuu bareedinna ulfinna isaa; ta daadhiin woyini'ii isi'ii fiixaa isaaniitiif boona taate; qachattii san hobbaasi! Kunoo Gooftaan waan cima'aa fi jabaa ta'e qaba; kunillee akka kirfaffuu barada'aatitti; akka haboonbolattii waa balleessuutitti; akka dambalii jaba'aatitti; akka rooba jaba'aatitti; hunnaan gara lafaa isii darba. Qoobiin yaadanno'oo ka worra Efreemii ka machaayuu; lukaan dhidhiitama. Abaaboon quurtuun sammuu dhooqa lalisa'aa; irra teettee; ta ulfinna bareedaa; akkuma haama'aan dura geette; akkuma namni dimmaa argee isii kutu; akkuma muka hurbu'uu ka namni liqimsuu taati. Guyyaa san Rabbi Gooftaan banii maraa; banii isaa sodaatama'aa; qoobii ulfinnaa; gulloo bareedinnaa ta'a. Inni ka teessoo murti'ii irra taa'uu hafuura haqaa; worra woraana balbala qachatti'ii irraa deebisanii; burqaa jabeennaa ta'a. Kunniin daadhii woyini'iitiin tittiman; dhuddoo macheessuun gatantaran; raattonninii fi gadoonni daadhii woyini'iitiin tittiman; daadhii woyini'iitiin dubbiin harkaa bade; dhuddoo macheessuun gatantaran; yoo mudhata argan hin dogoggoran; murtii kennu'uttillee hin gufatan. Gabataan isaan waa itti nyaatan maruu; diddigaan guuttameera; huleen haqqeen hin geenne hin jiru. Isaan akkana jedhan; «Eennuun barsiisa? ergaa hoo eennuu ibsa› daa'imman aanna dhiiftee? mo'o ta harma dhiifte? Ajaja irratti ajaja; ajaja irratti ajaja; tumata irratti tumata; tumata irratti tumata; asitti hago'o; achittillee hagoo waan ta'eef. Eegasuu Rabbi; afaan ormaa; afaan keessumma'aatiin; banii kanatti dubbata. Inni, «Tun hulee hara itti baafatan; ka dadhabe hara haa baafatuu; tun hulee hafuura itti galfatan» eennuun jedhe? isaan garuu dhagayuu hin barbaanne. Kanaafuu dubbiin Rabbii; ajaja irratti ajaja; ajaja irratti ajaja; seera tumachuu irratti seera tumachuu; seera tumachuu irratti seera tumachuu; asitti hago'o; achittillee hagoo isaanitti ta'a; kun akka uf duuba kufan; akka madaayan, akka siibo'oon qabamanii fi akka booji'amaniif. Kanaafuu worri banii Yerusaalemiin jiru bulchitan; isin worri shaqqaaddan dubbii Rabbii dhagayaa'a. Isin worra, «Du'a woliin waadaa galleerra; hulee worri du'e jiru ka lafa jalaa woliin wolii galtee godhanneerra; soba irkoo'o; kijiba ka itti dhokannu godhanneerra; balaan guddaan yoo haxaaya'aa lufu nu tuquu hin danda'u» jechu'uun uf tuultaniirtan. Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Kunoo dhagaa qoratame; dhagaa hunde'ee; dhagaa jabaa hunde'eef ta'u roggee kabajjamaa; Tsiyooniin keessa kaaya; ka isatti amanu hin raafamu. Haqa haada bikkaniin; balchummaa tumbii taasisa.; kijiba irkoo keessanii rooba barada'aatitu haxaaya; hulee isin itti dhokattanillee bisaantu irra gara gala. Waadaan isin du'aan wolii galtan; wolii galteen isin asaaba woliin gootan; hin diiggama; balaan guddaan yoo haxaaya'aa lufu; isinillee hin haxaayamtan. Hennama dhufe maraa fudhatee isiniin lixa; ganama ganama; guyya'aa fi galgalallee; isin haxaaya; yoo dubbii kana hubattan; soda'aan raafamni ta'a ture. Diriirfatanii akka hin rafne sireen gabaabdu'u; akka nafa hin dhoffanne baanaan gabaaba'a; isinillee akkasuma. Rabbi hujii ufii; ee hujii ufii ka hin baratamne hojjachu'uuf hujii ufii; hujii ufii haarawa raawwachu'uuf akkuma gaara Paarasiimii irratti godhe; dhooqa Gabaa'ooniititti godhe godhu'uuf ka'a. Eeganaa balda keessan dhaabaa'a; yoo ta'uu baate hidhaan isinitti jabaata; Gooftaan; Rabbi Gooftaan bani'ii; labsii ardii guutuu balleessu'uuf labse dhagayeera. Caqasaa'a; laagaa kiyya dhagayaa'a; hubadhaa'a; dubbii kiyyallee dhagayaa'a. Qonnaan bulaan facaasu'uuf yoo lafa qopheessu; hennama mara qotaa? suqqaa yoo butuchu; lafa bilcheessa'aa jiraataa? Qonna midhaassee; dimbilaala gurraachaa fi urgoo hin facaasuu? qamadii hoo akkaataa isaatiin; garbuu hulee isaa ta'utti; aajjaa hoo hulee isaaf ta'utti hin facaasuu? Waandhi isaa isa barsiisa; karaa kolbaa itti mudhisa. Urgoo gurraattii meeshaa dhaya'aatiin hin dhayu; urgoo gurraattii irra waa hin gangalchu; dimbilaala gurraacha ule'een; urgoo gurraattii bokku'uun dhaya. Buddeena godhu'uuf midhaan daaka; kanaafuu namni tokko baraa haga bara baraa midhaan dhaya'aa hin jiraatu; faradoo irra oofee hin butuchu. Kun maruu Rabbii Gooftaa banii maraa ka gorsaan maalale'ee, ka ogumma'aan gudda'aatiin ta'e. Qachattii Daawiti itti quphate; Aari'eel Aari'eel si hobbaasi! woggaa wogga irratti eda'i; ayyaana kee ka wogga'aallee ayyanteeffadhu. Ani garuu Aari'eeliin hin marsa; hin bootti; bade jetti; akka hulee ciinca'aa naa taati. Ani naannaya keetitti quphadha; dallayaan si marsa; dhagaa qarsa'aa ka marsaniin ijaaree si hucuuca. Gad buuta; lafa jalaa dubbatta; dubbiin kee daaraa keessaa hudhussa'aa baya; sagaleen kee akka sagalee ekera'aatitti ol baya; dubbiin kee awwaara keessaa sokossa. Diintonni tee heddu isaanii garuu akka dhukke'ee; gar jabeeyyiin baay'eenillee akka buraa qilleensaan qulqullaayuu ta'an; dimmaa uduu hin yaanne; Rabbiin Gooftaa banii maraa gigissa'aan; sagalee gudda'aa fi raafama lafaatiin haboonbolatti'ii fi dambalii gudda'aan; arraba ibiddaa ka sirima nama nyaatuun dhufa. Baniin hedduu ka worra Yihuudota hin taanee maruu; ka Aari'eeliin woraanan; worri isi'ii fi maandhee isi'iititti balaa buusanii marsan; akka eebju'uu; akka manaaba halkan arganii ta'a. Akka nama beelaye ka eebju'uun nyaata'aa bulee; garuu yoo dammaqu beelli isa hin dhiifnee; akka nama dheebotee ka eebju'uun dhuga'aa bulee; garuu yoo dammaqu ka dheebuun isa irraa hin bannee baniin Yihuudota hin taane; ka Tsiyooniin woraanan maruu; akkanuma ta'an. Bararraaqaa'a; maalalfadhaa'a; jaamaa'a; haga dhumaa jaama'aa hafaa'a; daadhii woyini'iitiin hin ta'in malee machaayaa'a; dhuddoo nama macheessuun hin ta'in malee gatantaraa'a. Rabbi hirriba guddaa isinitti buuseera; raattota teessan ija qabe; worra manaaba argan sammuu isaanii cufe. Hiikkaan mudhata raagaa ka isin argitan maruu isin jalaa dhokatee akka kitaaba cufamee isinitti ta'eera; gara nama kitaaba dubbisee danda'uu bira fiddanii yoma «Nuu dubbisi» jettanii isa gaafattanillee «Waan cufameef isinii dubbisee hin danda'u» isiniin jedha. Akkasuma kitaaba san gara nama dubbisuu hin dandeenne bira fiddanii «Nuu dubbisi» yoo jettaniin «Ani dubbisee hin danda'u» isiniin jedha. Gooftaan akkana jedha; «Baniin kun afaanumaan gara kiyya dhiyaata; afaanumaan na kabajja; garaan isaa garuu ka na irraa fagaate; ka na waaqeffatullee seera namaa ka namni isa barsiiseen calla'aan. Kanaafuu banii kana maalalee irratti maalalee godha'aa deebi'ee isa maalalchiisa; ogummaan ogeeyyi'ii hin bada; hubannaan worra waa hubatuu hin bada. Worra yaada ufii Rabbiin jalaa dhossu'uuf; gara boolla gad fago'oo bu'an; worra hujii ufii dukkana keessatti raawwatan; «Eentu nu arga? eentu nutti beeka?» worra jedhu hobbaasi! Isin waa gara gaggalchitan; nama faara dhayu akka faaraatitti laaltan; sirima, faarri ka isa hojjatuun; «Inni na hin hojjanne» jedhaanii? ka faara dhayuun «Inni womaa hin beeku» jedhaanii? Libaanosi qonnatti jijjiiramu'uuf; lafti lalisaan gara bosonaatitti jijjiiramu'uuf hennaan diqqoon hin hafneenii? Hennaa san duudaan dubbii kitaaba marama'aa san hin dhagaya; worri gurra duude dubbii kitaabaa dhagayan; worri ijji hin argine hurri'ii fi dukkanti gad dhiifteenii argan. Worri kasoon Rabbitti; hiyyeeyyiinillee deebi'anii; woyyicha Israa'eliitiin usheexxan. Gar jabeeyyiin akka waan hin jirree ta'an; worri shaqqaadu bittinnaayanii badan; worri hammeennaaf riphan maruu hin badan. Worri woyiin nama yakkamaa taasisan; worri himatamaa jala siiboo diriirsan; worri ragaa sobaatiin haqa qulqullootaa saaman hin citan. Kanaafuu Rabbiin Abrahaamiin fure; mana Yaaqoobiitiin akkana jedha, «Yaaqoob ammaa achi hin saalfatu; fuulli isaa ammaa achi hin jijjiiramu. Worri isaan jiddu'utti hujii harka kiyyaa ta'an; yoo ijoollee ufii laalan maqaa kiyya woyyoomsan; woyyicha Yaaqoobii woyyummaa isaa beekan; Waaqa Israa'elii afoo soda'aan dhaabatan. Worri hafuuraan dogoggoran hin hubatan; worri guguungumanillee gorsa fudhatan. Rabbi akkana jedha, «Ijoollee na dhibaniif hobbaasi! «karoora kiyya hin taane hordofan; waadaa fedhii kiyyaan alaa galan; cubbuu irratti cubbuu eda'atan. Uduu na hin gaafanne gara Misirii bu'an; daadaya Fari'oonii, gaaddisa Misirii irkoo godhachuu barbaadan. Garuu golgi Fari'oonii salphinna isinitti ta'a; gaaddifni Misirii isaan saalfachiisa. Yoma hagamillee Xaanewoosiin keessaa bulchoota qabaatanillee ergamtoonni isaanii Haaneesiin gayanillee; saalaa fi salphinna malee; gargaarsaa fi waan bu'aa qabu waan isaanii hin argamsiifneef; sababaa namoota waan faayidaa qabu isaanii hin argamsiifneetiif maruu hin salphatan. Dubbii waan horii Neegeebitti argamuu dubbatame; ergamtoonnii qabeenna isaanii harre'etti; meeshaa isaanii mi'aa gaalatti fe'anii; leencan dhalaanii fi kormaan; lafa bofni summii qabuu fi filliidamaan jiraatu; biyya rakkinnaa fi hucuucca'aa keessa darbanii; gara banii isaan hin fayyannee ta gargaarsi isi'iillee gatii hin qabnee gara biyya Misirii deeman; kanaafuu maqaa isi'ii; Ra'aab; ta womaa hin fayyanne jedhee isii waama. Ammallee deemi; gabatee irratti isaanii barreessi; kitaaba mammaramaa irratti isaanii barreessi; baroota dhufanitti baraa haga bara baraa ragaa ta'a; kunniin worra ajaja Rabbii dhagayuu hin barbaanne; banii dhiba'aa fi ijoollee sobdu fa'a. Worra mudhata arganiin; «Ammaa achi mudhata hin arginaa'a» jedhan; Raattotaanillee akkana jedhan «Ammaa achi raaga dhuga'aa nutti hin himinaa'a; waan nama gammachiisu nutti himaa'a; waan namatti tolu nuu raagaa'a. Karaa kana irraa achi siiqaa'a; daandii irraallee siiqaa'a; woyyicha Israa'eliitiin wolitti nu hin tuqinaa'a. Kanaafuu woyyichi Israa'elii akkana jedha, «Dubbii kana waan salphiftaniif; miidhuu waan abdattaniif; sobatti waan irkattaniif; Kanaafuu cubbuun kun akka dallaya dheeraa; uduu hin yaadatamne dimmaa babbaqaqee kufuu gayee; isinitti ta'a. Akka meeshaa faaraa ka caccabe keessaa gadhii ibiddaan hin fuune; akkuma wonti bisaaniin budduruursan hin hafnetti; akka bada'atti caccabanii bututan. Rabbi Gooftaan woyyichi Israa'elii akkana jedha, «Deebi'u'uu fi hara baafachu'uun fayyitan; cadheensaa fi abdachu'uun jabaattan; isin garuu kana hin goone. Ammallee, ‹Hin ta'u; fardaan dheessina› jettan. kanaafuu hin dheessitan; ‹farda arreeda'aan jalaa baana› jettan; kanaafuu worri isin ari'ullee hin ariifatan. Akka alaabaa sammuu gaaraa irratti dhaabamee; akka malkata tulluu irraa; taatanii haga haftanitti; dhaaduu nama tokkootiin namni kumaa dheessa; isin maruu nama shan dheessitan.» Rabbi garuu isinii araaramu'uuf obsa; gara laafummaa isinitti mudhisu'uuf kabajjama. Rabbi Waaqa haqaa waan ta'eef; worri abdi'iin isa eegan worra eebbaati. Isin baniin Yerusaalemii worri Tsiyyooniin keessa jiraattan ammaa achi hin boottan; iyya gargaarsaaf iyyitu dhagayee attamitti isinii hin araaramne! akkuma iyya kee dhagayeen ariiti'iin sii deebisa. Gooftaan buddeena hucuucamaatii fi bisaan rakkinnaa yoo sii kennellee; ammaa achi barsiisaan kee si jalaa hin dhokatu; ijji teellee barsiisaa kee hin argiti. Ammaa achi bita'aa fi mirga yoo gortan laagaa karaan kolbaa kana jedhu dudda duuba keessaniin dhageettan. Waaqa tolfamaa keessan ka meeti'ii fi worqiin itti maxxanfame «Nu irraa fagaadhaa'a!» jettanii iyyitanii uf irraa darbitanii gattan. Rabbi hennaa isin midhaan facaafattan biqilli keessan guddatee akka atootaa guddaa argattan godhu'uuf rooba isinii roobsa; horiin keessanillee raasaa itti bobba'u argatan. Sangoonni lafa qotanii fi harriin buraa mi'aayaa manshi'ii fi gingilcha'aan gingilfamee baye nyaatan. Hennaa baniin dhumatu gaara gugurda'aa fi gooba irraa bisaan burqaan yaa'a. Hennaa san jiini akka adu'uu ifa; ifti adu'uullee ka duraa caalaa harka torba ifa; akka ifa guyyaa torbaatitti ifa qaba; kun maruu ka ta'u gaafa Rabbi madaa bani'itti fide fayyisu ta'a. Kunoo maqaan Rabbii dheekkamsa bobayu, duumessa aaraa yabbaa woliin fago'oo dhufa. afaan isaa ka dheekkamsaan guuttame; arrabni isaallee ibidda nama nyaatu. Hafuurri isaa akka bisaan morma gayuu ka waa haruuti; mootota gingilchaa badi'iitiin gingilcha; illachaa bani'ii; lugaama kara'aa isaan balleessu isaanitti godha. Akkuma halkan Hafuura Woyyuu kabajjitan faarfattanitti faarfattan gara gaara Rabbii; gara dhagaa Israa'elii; akkuma namoonni boobaa afuufa'aa gammachu'uun bayaniititti akkasuma garaan keessanillee hin usheexxa. Rabbi dheekkamsa bobayuu fi ibidda nama nyaatuun gigissa'aa fi kirfaffuu gudda'aan baradaa dhaga'aatiin laagaa isaa ka gaachena qabu akka dhagayan godhee dhageessisa irreen isaallee hennaa gad buutu isaanitti mudhisa. Laagaan Rabbii Asooriin hin naasisa; uleen isaallee isaan dhaya. Uleen adabbi'ii ka Rabbi isaanitti buusu maruu; ka dibbe'ee fi kiraara sagalee guddaa dhageessisuun marfame; lolaan hunna ufii mudhisee isaan dhaye. Dur irraa jalqabee hulee itti guban ka Toofeet jedhamu qophaayeera; mootichaallee tolfameera; boolli itti bobeessanillee badha'aa fi gad fago'o; isa keessa ibidda gudda'aa fi qoraantu jira; Hafuurri Rabbii akka bisaan holata'aatitti guba. Worra gara woyyicha Israa'elii hin laalle; worra Rabbiin irraa gargaarsa hin barbaanne; garuu worri gargaarsaaf gara Misirii gad bu'an; worra faradoo hedatan, worra baay'inna konkolaata'aa; worra jabeenna guddaa fardoo ufiitiin dhaadatan isaan hobbaasi! Inni garuu ogeessa; badii fida; jecha ufii hin gaabbu; mana worra waan hamaa hojjatanii; worra worra miidhaa hojjatan gargaaranitti ka'a. Worri Misirii namoota malee Waaqaa miti; faradoon isaanii foon uffataniiran malee hafuura miti; yoo Rabbi harka badhisu; ka gargaarsa kennu hin gufata; ka gargaaramullee hin kufa; lachuu wolumaan badan. Rabbi akkana naan jedheera; «leenci yookaan leenci darmiin; waan cabse qabee yoo bookkisu; tisseen hedduu wol waamanii hennaa itti dhufan; akkuma iyyi isaanii isa hin sodaachifne; akkuma laagaa isaaniitiin hin raafamne; Rabbi Gooftaan banii maraa; gaara Tsiyoonii gubbaa isi'ii irratti akkasuma lolaaf gad bu'a. Akkuma simbirran sammuu gubba'atti koola badhiftuu; Rabbi Gooftaan banii maraa Yerusaalemiin akkasuma golga; isii daadaya; isii hambisa; isii gargaara, isii oolcha. Isin baniin Israa'elii, gara ka guddiftanii dhibdaniititti deebi'aa'a; Hennaan isin waaqa tolfamaa meeti'ii fi worqii irraa ka harka cubbamaa keessaniin hojjattan maraa darbitanii gattan hin dhufa. «Asoor guraadee ka namaa hin taaneen kufa; guraadee foon uffata'aa hin taanetu isaan nyaata. Guraadee jalaa dheessa; ka'imman hunnaan hujii hojjatan. Maandheen jabaan sababaa raafamaatiif kufa; masakkoonni malkata lolaa yoo argan; naasu'uun liqimfaman» jedha Rabbiin ibiddi isaa Tsiyoonii fi girgiraan isaallee Yerusaalemiin ta'e. Mootiin balchumma'aan mooya; bulchoonnillee haqaan bulchan. Namni maruu ka qilleensa itti daadayatan; ka kirfaffuu jalaa itti irkatan ta'a; lafa gammoojji'iititti akka burqaa bisaanii; lafa godde irratti akka gaaddisa dhagaa gudda'aa ta'a. Ijji namaa ta waa argitu ammaa achi hin dunuunfattu; gurri dhagayu dammaqee caqasa. Sammuun jarjara'aa hin beeka; hin hubatalle'e; arrabni cabaqullee hin hiikkama; qajeelchee dubbata. Ammaa achi ka amshaaggu bilcho'o hin jedhamu; ka adaba hin qabne hin kabajjamu. Amshaaggaan waan amshaagga'aa dubbata; sammuun isaa hammeenna dhudhuma; hujii sodaa Rabbii hin qabne raawwata; waan Rabbii soba dubbata; ka beelayee nyaata dhooggata; ka dheebotee bisaan hin kennu. Malli adaba dhabeessaa hama'a; yoo iyyannaan rakkata'aa sirrii ta'e; hiyyeessa sobaan balleessu'uuf; dhara dhudhuma. Bilchoo garuu yaanni isaallee bilcho'o; karoora ufii bilchinnaan raawwata. Isin dubartoota uf jaju'uun bokottan; ka'aa'a; laagaa kiyya dhagayaa'a; isin ijoollee intalaa ta qananiitanii jiraattan; waan ani isinitti himu caqasaa'a. Akkuma barri lufeen worri qananiitanii turtan; hin hollattan; biqiltuun woyini'ii daraaraa hin kennu; hennaan daraara'aa hin dhufu. Isin dubartoonni uf jaju'uun bokottan; holladhaa'a; isin ijoolleen intalaa ta qanani'iin jiraattan; soda'aan taf taf jedhaa'a; uffata keessan baafadhaa'a; mudhii keessan uffata gaddaatiin hidhadhaa'a. Waan lafa teessan laliftuu godduutiif butadhaa'a; waan biqiltuu woyini'ii ka daraaraa qabuutiif gaddaa'a; Waan lafa banii kiyyaatiif; waan lafa qore'ee fi qummuudduun itti marguutiif; waan manniin itti baldamu maraaf; waan qachattii subulluqaa tanaatiif booyaa'a. Maandheen dawoo isi'ii ona ta'a; qachaan wocaa haxum jedha; maandheenii fi goom'een rarraasa'aa goda baraa haga bara baraa; ka harreen diidaa itti subulluxxu; ka horiin itti bobba'u ta'a. Wonti kun ka ta'u; haga Hafuurri Rabbii olii nuu bu'utti; lafti gammoojji'ii lafa lalisaa; haga lafti lalisaan bosona fakkaatutti. Lafa gammoojji'iititti haqatu babadhata; lafa lalisaa irra balchumma'atu jiraata. Daraaraan balchumma'aa nagaya; bu'aan balchumma'aallee cadheensaa fi baraa haga bara baraa abdachu'u. Baniin Rabbii mana jireennaa ka nagayaa keessa; mana amansiisaa keessa; hulee cadheensaa keessa hara baafatee jiraata. Yoo bosonni barada'aan dhayame; qachaan yoo sirima barbadaaye, Worri laga qarqaratti sanyii facaaftan; worri sangoole'ee fi harriin teessan; akkanumaan bobbaaftan isin worra attam eebbifame. Ati baniin Sooriya'aa ka uduu hin banne balleessitu; ati ka balleessitu si hobbaas! ati ka uduu hin ganamne gantu ati gantichi si hobbaas! hennaa balleessuu dhiifte badda; hennaa ganuu dhiifte ganamta. Yaa Rabbi nuu araarami; waan si abdanneerruuf; ganama maraa jajjabeenna; hennaa hucuucamaa fayyinna nuu ta'i. Baniin gigissaa laagaa keetii dheessan; yoo ati gaachena keetiin kaate mootonni hin bittinnaayan. Isin baniin akkuma awaannifni wolitti qabamu boojuun keessanillee wolitti qabama; akkuma korophiisaatitti namoonni irratti sirban. Rabbi maraayyuu ol; sami'itti kabajjamee jiraata; Tsiyooniin balchumma'aa fi haqaan guuta. Inni hundee amansiisaa bara keetii; galmee ogumma'aa, ka beekkumsaatii fi ka fayyumma'aa sii ta'a; Rabbiin sodaachuun qabeenna isaanii ka maraa caalu. Kunoo dargaggeeyyiin isaanii karama maraa irratti iyyan; ergamtoonni nagayaaf ergamanillee mararamanii booyan. Karaan ijoon maruu duwwa'a; daandii irra namni hin jiru; wolii galteen bulchoota Sooriya'aa diiggameera; worri gorsu tuffatameera; ka kabajjamullee hin jiru. Ardiin duwwaa taate; hin huqqatte; bosonni Libaanosii quuree goge; Saaroon akka lafa gammoojjii Arabaa taate Baasaanii fi Qarmeloos baala harcaafatan. Rabbi akkana jedha, «Amma hin ka'a; amma ol ol ka'a; amma hin kabajjama. Buraa ulfooftan; hansaraa deettan; hafuurri keessanillee ibidda isin nyaatu. Baniin akka dhagaa nooraa baasuutitti gubatan; akka qoree saato'ootitti ibiddaan gubatan. Isin worri fagoo jirtan waan ani hojjadhe dhagayaa'a; isin worri dhiyoo jirtanillee hunna kiyya beekaa'a! Cubbamtoonni Tsiyooniin keessa jiran hin nayan; worri Waaqa hin qabne sodaan isaan qabee; «Nu keessaa ka ibidda nama nyaatu woliin jiraatuu danda'u eennu? ibidda bara baraa woliin hoo eentu jiraatuu danda'a?» jedhan. Ka balchumma'aan jiraatu; ka waan qajeelaa dubbatu; ka bu'aa sobaan argamu tuffatu; ka gabbarsuu fudhachuu irraa harka deebifatu; ka marii ajjeecha'aa dhagayuu didda'aaf gurra qabatu ka hammeenna laaluu didda'aaf ija dunuunfatu, Namni kun ol gubbaa jiraata; maandheen gaaraa irkoo isaa ta'a; buddeenni hin kennamaaf bisaanillee jalaa hin citu. Ijji tee bareeddinna mootichaa argan; lafa fago'oo diriirtellee hin argan. Rakkinna duraa qaabata'aa; «bulchaan ijoon sun eessa jira? ka gibira guuru eessa dhaqe? itti gaafatamaan siree worra waa eeguu meeti?» jettanii gaafattan. Banii dubbiin isaanii namaa hin galle; ka wonti isaan jedhan hin beekkamne; ka afaan namni hubachuu hin dandeenne dubbatan sanniin hin argitu. Qachaa Tsiyoonii ta ayyaana keenna itti kabajjinu laali; Yerusaalemii hulee jireennaa ta nagayaa; ta daasee hin sochoone taate; ta xiribbaan isi'ii hin buqqaane; ta haada isi'ii keessaa tokkollee hin cinnee laali. Rabbi achitti hunna nuu ta'a; laggiinii fi fincaayaa yaballi keessa lufuu hin dandeenne; ka yaballan gugurdaanillee hin ceene nuu ta'a. Rabbi abbaa murti'ii keenna; Rabbi ka seera nuu kennu; Rabbi mootii keenna; ka nu fayyisullee isa. Haanni kee ka duudhattuun furateera; utubaanillee jabaatee hin dhaabanne; sharaan isi'iillee hin badhifamne; hennaa san boojuu gudda'atu qoodama; hokkolaanuu uduu hin hafne boojuu fudhata. Ka Tsiyooniin keessa taa'ee «Ani dhibameera» jedhu hin jiru; cubbuun namoota achi jiraniillee hin dhiifama. Isin baniinillee kootta'aa dhagayaa'a; isin namoonni hubadhaa'a; Ardiinii fi wonti isii keessa jiru maruu; adunyaanii fi wonti isii irratti biqilu maruu haa dhagayuu. Rabbi banii maraanuu loleera; lolli isaa duultota isaanii maraa irratti; sirima isaan balleessa; qalmaaf dabarsee isaan kenna. Worri isaan keessaa ajjeefaman diidatti gataman; reeffi isaanii hin ajaaya; hin awwaalamu; gaarran dhiiga uffatan. Urjiiwwan sami'ii maruu hin baqan; samiin akka kitaaba marama'aatitti mammarama; duultonni urjiiwwanii maruu akka baala woyini'ii ka quuree harca'ee; akka baala muka hurbu'uu ka gogee harca'ee ta'an. Guraadeen kiyya sami'itti haga quuftutti dhuddeerti; kunoo gara Eedoomii; gara banii ani balleessee murti'iif buuteerti. Guraadeen Rabbii dhiigatti cuuphamteerti; cooma quufteerti; dhiiga korbeessa hoola'aatii fi ka re'e'eetiin; cooma kalee korbeessa hoola'aatiin uwwifamteerti; Rabbi qachaa Baasoora'aatitti ciincaa; Eedoomittillee qalma guddaa waan qopheesseeruuf. Gafarsi isaan woliin; kormi mirgoo woliin qalama; Lafti isaanii dhiigaan jiiti; biyyeen isaanii ta coomaan guuttamte taati. Rabbi guyyaa haluu bayu'uu; waan Tsiyooniitiifillee bara falmatu waan qabuuf. Burqaawwan Eedoomii reenjii; biyyeen isi'ii dhagaa nama gubu; ardiin isi'ii akka kosii gubanii taate. Ibiddi isi'ii halkanii fi guyyaa hin badu; aarri isi'ii baraa haga bara baraa ol ka'a; dhalootaa haga dhalootaatitti ona taati; eennullee lammata achiin hin lufu. Cuungululleenii fi dhaddeen isii dhaalan; urunguunii fi harraagessi maandhee itti ijaaratan; Rabbi Eedoomiin irratti haada diiggamtuun; tumbii isiin badduun isii jalatti diriirsa. Abboota murti'ii ka isi'ii waan mootumma'a jedhamanii isaan waamsisu hin qaban; bulchoonni isi'ii maruu haxaayamanii badan. Qachoota isi'ii ta dallayamte qoreen; maandheewwan isi'ii doobbi'ii fi qore'etu fudhata; boolla jeedallanii; hulee jireennaa ka urungu'uu taati. Busaayaan lafa gammoojji'ii bineeyyii woliin jiraatan; jinniiwwan re'iin lafa gammoojji'ii fakkaatan wol waaman; uumamni halkanii hulee itti boqatan achi godhatan; ufiifillee hulee itti hara baafatan argatan. Urunguun achitti maandhee ijaarattee killee buufti; hin yaafatti; ilmoolee ufii koola ufii jalatti ammatti; allaattiinillee dhala'aa fi kormaa ta'anii hormaataaf achitti wol gayan. Waan kitaaba Rabbii keessatti akkana jedhu; laalaa'a; dubbisaa'a; kanniin keessaa tokkollee hin dhidhatu; maruu tishoo ufii hin dhabdu; ajanyi kun afaan isaatii bayeera; waan Hafuurri isaa wolitti isaan qabuuf. Gayee isaanii isaanii ramada; harki isaa bikkee isaanii qooda; baraa haga bara baraa ta isaanii taati; dhaloonni isaanii maruu isii keessa jiraatan. Lafti gammoojjiinii fi gogaan hin gammadan; lafti gogaan hin usheexxa; hin ifa; akka abaaboo birra'aatitti daraara. Faaru'uu fi gammachu'uun usheexxa; ulfinni Libaanosii hin kennamaaf; gaachena Qarmeloosiitii fi ka Saaroonii uffata; gaachena guddaa Waaqa keennaa; ulfinna Rabbii argan. Harka dadhabe jabeessaa'a; jilba harellee jabeessaa'a. Worra garaa sodaatu qabaniin akkana jedhaa'a; «Jabaadhaa'a; hin sodaatinaa'a; Waandhi keessan hin dhufaa; Inni haluu bayuu qabatee; isin fayyisu'uuf dhufa.» Hennaa san ijji worra balla'aa hin argiti; gurri worra duuda'aa hin dhagaya. Ka hokkolu akka kuruphe'eetitti utaala; arrabni duuda'aa gammachu'uun faarfata. bisaan gammoojjii keessaa baya; burqaawwan lafa onaatii burqan. Lafti nama gubu haroo ta'a; lafti dheebotte bisaan burqisiifti; boolla jeedallan keessa ciisan; marga, shombooqqo'oo fi dhallaaddu'utu itti marga. Huleen sun karaa guddaa ta'a; «Karaa woyyuu» jedhamee waamama; worri battaaye keessa hin deemu; worra karaa irra jiran calla'aaf ta'a; gara laafeyyiin karaa irraa hin daban. Leenci keessa hin jiraatu; bineensi nama butu achi irra hin bayu; kunniin hulee sanitti hin argaman; worra fayyan calla'atu achiin deema. Worri Rabbi fure hin deebi'an; faarfata'aa gara Tsiyoonii seenan; gammachuu bara baraa akka gulloo ulfinnaatitti uffatan; usheexxa'aa fi qananii argatan; gaddaa fi mararoon achii dheessan. Bara mootichi Hisqiyaas biyya Yihuuda'aa irratti mooye woggaa kudha arfeesso'ootitti mootiin Asoorii Sanaakireem lolee qachoota Yihuuda'aa ka dallaya dhaga'aa qaban qabate. Achiin maayessa mootichi Asoorii akka mootichi Hisqiyaas harka kennatu akka isa gaafatan ajajaa loltootaa loltoota baay'ee woliin Laakishii gara Yerusaalemii erge; inni deemee gara haroo ol aantuutiin karaa bisaan boyii keessa yaa'u hulee uffata itti miicatan bira dhaabate. Hennaa san ajajaan manaa Eeliyaaqeem ilmi Kelqiyaasii barreessaan Saaminaas, galmeessaan seena'aa Yoo'aas ilmi Asaafii gara isaa dhaqan. Raafaasiqiis akkana isaaniin jedhe «Hisqiyaasitti akkana jedha'aa himaa'a; mootiin guddaan Asoorii akkana jedha, ‹Wonti ati hedattu kun maali'i? Dubbiin duwwaan mala lolaatiif hunna naa ta'a jettee yaaddaa? ati sirimaa eennuun hedattee natti kaate? maal laataa ati biyyi Misirii na gargaarti jettee hedatteerta ta'a; garuu isii hedachuun akka nama ulee leemmaniititti irkatee akka ta'e beeki. Biyyi Misirii akka ulee leemmanii caccabaa ka yoo itti irkatan baqaqee harka nama woraanuu malee womaa hin fayyanneeti; hireen nama mootii biyya Misirii hedatuullee akkanuma.› » Ammallee bulchaan mootota biyya Asoorii «‹Ani Rabbii Waaqa Israa'elii abdadha› jetta ta'a, eeganaa baniin biyya Yihuuda'aatii fi baniin biyya Yerusaalemii hulee ciinca'aa tokkicha kana akka waaqeffatan godhan ka feetee hulee ciincaa Rabbii itti godhanii Rabbiin itti waaqeffatan diige Hisqiyaas si'ii mii! Ati eeganaa mootii gooftaa kiyya! biyya Asooriitiin wol morki; yoo ka namoota farda yaabbachuu danda'an argattu ta'e, ani faradoo kuma lamaa sii kenna. Faradoo keetii fi konkolaataa fardaa kee ka lolaa hedattee biyya Misirii waan mooyattu seetu, nama diqqaa garboota gooftaa kiyyaa keessaa nama tokkollee attamitti mormitee isa afoo dhaabachuu dandeetta? Ani amma dhugamaan ajaja Rabbii malee biyya kana balleessu'uuf bayee? Rabbi biyya tana dhaqii balleessi naan jedhe. Eeliyaaqeem, Saaminaas, Yoo'aasii fi Raafiis nu afaan biyya Sooriya'aa hin dhageennaa nu garboota teetitti dubbadhu malee afaan banii Ibrootaa ka dallaya dhaga'aa irra taa'aniiraniitiin nutti hin dubbatin» jedhaniin. Bulchaan worra biyya Asoorii «Mootiin biyya Asoorii gooftaan kiyya, waan kana maraa isinii fi mootii keessan calla'atti akka dubbadhu waan na erge seetanii? sirimaa akkasii miti, banii akkuma keessan udaan ufii nyaatanii fi fincaan ufii dhuganitti laagaa kiyya ol qabadhee baniin dallaya irra jiran maruu akka dhagayaniif dubbadha» jedhe. Kanaafuu Raafqiis dhaabatee laagaa ufii ol qabatee afaan worra Ibrootaatiin «Dubbii mooticha guddaa biyya Asoorii dhagayaa'a! Mootichi akkana jedha, «Hisqiyaas waan isin hambisuu hin dandeenneef isaan hin sobaminaa'a. Dubbii inni ‹Rabbiin abdadha; inni nu oolcha qachattiin teenna akka loltoota biyya Asoorii jala hin taane nu irraa dhoogga» jedha'aa isin sobu hin dhagayinaa'a. Isin waan Hisqiyaas isiniin jedhu hin dhagayinaa'a, mootichi biyya Asoorii gara kiyya kootta'aa naan wol ta'aa'a; yoo kana gootan isin maruu hurbuu muka woyini'ii keessaniitii fi daraaraa muka hurbu'uu keessan nyaattan, bisaan boolla keessaniillee hin dhuddan. Wonti kun ka ta'u haga mootiin keessan gara biyya teessan fakkaattuu isin fidee hara isin baafachiisuuf, biyya san keessa muka woyini'ii ka daadhiin woyini'ii irraa hojjatamuu fi lafa qonnaa badhaa midhaan buddeenaa irraa argamutu jira. Kanaafuu Hisqiyaas Rabbi isin hambisa jedha'aa isin dogoggorsa'aa akka isin hin sobne, amma dhugamaan waaqolee tolfamaa banii maraa keessaa tokkollee ka mootii biyya Asoorii jalaa biyya ufii hambisuu danda'e jiraa? Eeganaa yoo akkana ta'e, waaqoleen tolfamaan Haamaatiitii fi Arfaadii eessa jiran? waaqoleen tolfamaan safarwaayimii eessa gayan? dhugamaan isaan keessaa biyya Samaariya'aa na harkaa baasuu danda'e jiraa? Waaqoleen tolfamaan biyya kanniin maraatuu hennaan isaan biyya ufii harka kiyyaa hambisuu danda'an jiraa? Eeganaa isin maaf Rabbi Yerusaalemiin hin oolcha jedha'aa yaaddan» jedhee laagaa ol qabatee dubbate. Baniin garuu akkuma mootichi Hisqiyaas isaan ajajetti womaa dubbachuu didanii cadhisan. Achiin maayessa ajajaan mana mootichaa Eeliyaaqeem ilmi Kelqiya'aa, barreessaan Saamnaasii fi galmeessaan seena'aa Yoo'aasii ilma Asaafii gaddanii uffata ufii tarsaasanii gara mooticha Hisqiyaasii dhaqanii waan bulchaan biyya Asoorii dubbate maraa itti himan. Mootichi Hisqiyaas haga waan kana maraa dhagaye gaddee uffata ufii biinxee uffata gaddaa uffatee gara mana woyyuu Rabbii dhaqe. Inni Eeliyaaqeemii ajajaa mana mootichaa, barreessaa mana mootichaa Saamnaasii fi worra gadootaa keessaa namoonni beekkaman uffata gaddaa uffatanii gara raatticha Isaayyaasii ilma Amootsii dhaqaa'a jedhee isaan erge. Dhaamsi isaan mooticha Hisqiyaasiin irraa fudhatanii Isaayyaasii raattichatti himan kana; adhi guyyaa rakkinna gudda'aa fi adabbii nama salphisuu fi nama saalfachiisutu nu irra gaya'aara, akka dubartii daya geettee ciniinsifattee dayu'uuf hunna dhabdee taaneerra. Akka mootichi biyya Asoorii Rabbii jiraataa isaa arrabsu waan nama kabajjamaa baallii qabu Raafaasiqiisiin ergeef Rabbi Waandhi kee arraba kana dhagayee maal laataa isa adabuu danda'a; kanaafuu yabo'oo worra banii keenna keessaa badan Rabbi akka oolchu Rabbiin kadhadhu. Isaayyaas raattichi dhaamsa mootichi Hisqiyaas itti hime dhagayee, Rabbi akkana siin jedha «Arraba hojjattoonni mooticha Asoorii na arrabsan dhageettee hin sodaatin. Ani akka inni oduu biyya keessaatiin raafamuu fi akka gara biyya ufii deebi'ee guraade'een du'u isa taasisa» jedhee dhaamsa deebiseef. Namichi baallii qabu ka biyya Asoorii akka mootichi biyya Laakishii dhiisee gara qachatti Libinaa naannoo Laakisii jirtuu dhaqee akka lola'aaru dhagayee achi dhaqe. Inni haga achi gaye akka mootichi Itoophiya'aa Trihaaq lolaaf dhufe dhagayee gara mooticha Hisqiyaasii akkana jedhee dhaamsa erge. «Hisqiyaasii mootii biyya Yihuuda'aa Waandhi kee ka ati abdattu Yerusaalem mootii biyya Asooriitiin hin booji'amtu jedhee si sobu dhugaa hin seeyin. Ati waan mootonni biyya Asoorii biyya maraa irratti hojjatan attamitti akka balleesse dhageetteerta; ati hoo hin haftaa? Worri abboonni keenna fixan Goozaan, Kaaraan, Raafis, Beetalaasaariin banii Eedinii, waandhi tolfamaan worra Yihuudota hin taanee isaan oolcheeraa? Mootonni qachoota Haamaatii, Arfaadii, Safarwaa'imii, Henaa'iitii fi Iiwwa'aa eessa jiran? Mootichi Hisqiyaas xalayaa worra dhaamsa geessan irraa fuudhee mana woyyuu Rabbii keessa seenee banee dubbisee, Akkana jedhee Rabbiin kadhate «Ati Rabbii Waaqa Israa'elii ka Kiruubeeliin irratti teessoo kaayate si calla'a; Waandhi mootota adunyaa maraatuu sima; ka ardi'ii fi samii uumellee si'i. Waandhana! akkamitti akka Sanaakireem si'ii Waaqa jiraataa arrabse laali. Yaa Waandhana! nu'u akka mootonni biyya Asoorii mootota hedduu balleessanii fi akka biyya isaaniillee diigan dhageenneerra. Isaan muka bocanii dhagaa baqassanii waaqolee tolfamaa isaan harka ufiitiin hojjatan duwwaa sanniin ibiddaan gubanii balleessaniiran. Rabbi Waaqa keenna! akka ati callaan Waaqa taate baniin adunya'aa maruu akka beeku ati amma harka banii worra Asoorii jalaa nu hambis» jedhee kadhate. Achiin maayessa Isaayyaas raattichi ilmi Amootsii gara mooticha Hisqiyaasii «Rabbi Waandhi Israa'elii kadhaa ati waan mooticha Sanaakireemii mootii biyya Asooriitiif kadhatte dhagayeera; Wonti Rabbi waan isaa dubbate kana «Mucattiin Tsiyoonii ta durbaa si tuffatteerti; sitti balditeerti; Mucattiin Yerusaalemii; hennaa ati dheessitu mataa sitti sochoofatteerti; Ka arrabsitee fi ka salphifte eennuun? ka laagaa kee itti ol qabatte; ka ija uf jaju'uutiin laalte eennuun? Woyyicha Israa'elii irrattii bee! Karaa ergamtoota keetiitiin; jecha arrabaa heddu gooftaa kee irratti dubbatte akkana jette; baay'inna konkolaataa fardoo kiyyaatiin; dheerinna gaarranii; fiixxee gaarran Libaanosii irra bayeera; Birbirsa dhedheeraa; hindheessa filatamaa muradheera; gara hulee guddisee ol fago'oo; gara bosona guddisee bareeduu gayeera. Biyya ormaatitti boolla qote; achi keessaa bisaan dhuge; burqaawwan Misirii maraa lukaan dhiitee gosse. «Waan kana akka ani dur murteesse; akka bara durii karoorse hin dhageennee? amma garuu akka raawwatamu godhe; ati qachoota ijaaramte tuulaa dhaga'aa goote. Hunni banii isaanii dhumateera; nayaniiran; salphataniiran; akka biqiltuuwwan raasa'aa; akka biqila hennaa bonaa akka marga mana manaan gubba'aa irratti biqilee; akka kichuu waagiin dhayee ta'eera. «Ani garuu eessa akka jirtu; dhufu'uu fi deemuun kee hennaa kam akka ta'e; attamitti akka lolaan natti kaatu hin beeka. Ati waan lolaan natti kaateef; uf tuuluun kee waan gurra na seeneef; funyaan keetitti funyoo; afaan keetitti lugaama godha; karama dhufte keessa akka deebitu si godha. Hisqiyaasi! kun malkata sii ta'a; «Bara kana keessa ka ufiin baye; bara itti aanutti ka ufiin bayaa irraa marge nyaattan; woggaa sadeesso'ootitti garuu hin facaafattan; hin haamattan; woyinii dhaabattan; daraaraa isaallee hin nyaattan. Ammallee hafteen mana Yihuuda'aa; hidda gad fageeffata; gubba'atti daraaraa daraara; Hafteen Yerusaalemiin keessaa; worri hafellee gaara Tsiyoonii irraa dhufan; hinaaffaan Rabbii Gooftaa banii maraa kana godha. «Kanaafuu Rabbi waan mootii Asoorii akkana jedha; «Gara qachaa tanaa hin seenan; eboon itti hin darbamu; wontee qabatee itti hin dhufu; tuulaa biyye'eetiin isii hin marsu. Karama dhufeen deebi'a; gara qachaa tanaa hin seenu» jedha Rabbi. Waan kiyyaaf; waan tajaajilaa kiyya Daawitiitiif; qachaa tana hin golga; isii oolchalle'e. Halkanuma san maleekkaan Rabbii ganda worra Asoorii keessa lufee loltoota kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shanii fixe; obboroo yoo lafaa ka'an loltoonni maruu ka dhumaniiran argan. Achiin maayessa mootiin biyya Asoorii Sanaakireem uf duuba deebi'ee gara biyya Nanawwe'ee dhaqee achi jiraate. Gaaf tokko uduu inni mana waaqa tolfamaa ufii ka Naasaraak jedhamu keessatti sagadu ijoolleen isaa lamaan Adraameeleekii fi Saaraasar guraade'een isa ajjeessanii gara biyya Araaraatii baqatan; ilmi isaa Asraadoon bikka isaa mooye. Bara san mootichi Hisqiyaas dhibamee du'uu gaye; Isaayyaas raattichi ilmi Amootsii isa bira dhaqee «Rabbi, ‹Ati hin duuta malee hin jiraattuu mana kee sirreeffadhu› siin jedha» jedheen. Hisqiyaas gara dhaaba manaa gara galee, «Waandhana! akka ani si afoo dhuga'aa fi onnee qajeeltu'uun jiraadhe, waan si gammachiisullee akka hojjadhe akka yaadattu si kadhadha» jedhee booya'aa Rabbiin kadhate. Kanaan maayessa Rabbi Isaayyaasii raattichaan, «Gara mooticha Hisqiyaasii dhaqii ‹Rabbiin abbaa kee Daawitii «Ani kadhaa kee dhagayeera; imimmaan keellee argeera; umurii kee irratti woggaa kudha shanii eda'a› jedha» jedheen. Si'ii fi qachattii Yerusaalemii tana harka mootii biyya Asoorii jalaa baasa; qachattii tana hin daadaya.› » Isaayyaas, «Malkanni Rabbi waan dubbate raawwatu'uu kana. Gaaddisa manaa ka teessoo mootichi Aki'aaz hojjate irraan gad bu'e tarkaanfii kudhanii gara duubaa akka deebi'u taasisa» jedhee deebiseef; gaaddifni manaallee haga tarkaanfii kudhanii uf duuba deebi'e. Hisqiyaas mootiin biyya Yihuuda'aa akkuma dhibee irraa fayyeen faaruu galataa barreesse. «Ani wodhakkaa umurii kiyyaatitti balballan ibidda asaabaa keessa lufuu na barbaachisaa? barri kiyya ka hafe na jalaa fudhatamuu barbaachisaa?» jedhe. Akkana jedhe, «Lamuu Rabbiin; Rabbiin biyya jiraattotaa keessatti hin argu ammaa achi fiixaa namaa hin argu; worra adunyaa tana irra jiraatan woliinillee hin ta'u. Manni kiyya akka daasee tisse'ee buqqa'e; na irraa fudhatame; jiruu tiyya akka fooyaa jirbi'iititti mammare; waan maraniin irraa na mure; ganamaa haga galgalaa na fixu'uuf ariifatte. Haga ganamaa obsaan eeggadhe; Inni garuu akka leencaatitti lafeewwan kiyya caccabse; ganamaa haga galgalaatitti na fixu'uuf ariifatte. Akkuma simbiraa; akkuma shaallo'ootitti woce; akkuma handari'iititti aada; ijji tiyya gara sami'ii laalu'uun dadhabde; Gooftaa'a; waan dhiphadheeruuf na oolchi. Eeganaa ani maal jedha? Inni natti himeera; isumatu kanallee godhe; Waan dhiphinna lubbuu tiyyaatiif; umurii kiyya maraa kasooma'aa jiraadha. Gooftaa'a; namoonni waan kanniiniin jiraatan; hafuurri kiyyallee akkasuma kaniiniin jireenna argata; na fayyifte; jireennaan na jiraachifte. Ka rakkinnaan dhiphadhe; faayidaa naa ta'e; boolla badi'ii irraa; jaalala keetiin na eedde; cubbuu kiyya maraa; uf duubatti gatte. Ibiddi asaabaa si hin galatoonfatu; duuti si hin jajju; worri gara boollaa gad bu'an; amanamummaa kee hin abdatan. Akkuma ani adha godhu kana; worri lubbuu qabu si galatoonfatan; waan amanamummaa keetiillee abboonni ijoollee ufiititti himan. Rabbi na oolcha; kanaafuu bara umurii kiyyaa maraa; mana woyyuu Rabbii keessatti meeshaa miseensa qabuun faarfanna. Kanaan maayessa Isaayyaas «yoo baala muka hurbu'uu nafa isaanii ka iitaye irra kaayatan hin fayya» isaaniin jedhee ture. Mootichi Hisqiyaas «Ani akka fayyee gara mana woyyu'uu dhaquu danda'u malkata maali'iitiin beeka?» jedhee Isaayyaasiin gaafate. Baroota sanniin keessa mootiin Baabiloonii ilmi Baldaanii Marodaak Baldaan akka mootichi Hisqiyaas dhibamee fayye dhagayee kennaa woliin xalayaa ergeef. Hisqiyaas gammadee mana meesha'aa, birrii, worqii, urgoo gara garaa, urgooftuu, meeshaa lolaatii fi mana kuusaa meeshaa maraa itti mudhise; mana mootichaa keessatti meeshaa ta'ee'e qabeenna mootumma'aa ka hulee maraa jiru maraa wonti Hisqiyaas isatti hin mudhifne hin jiru. Hennaa san raattichi Isaayyaas gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqee «Namoonni kunniin maal siin jedhan? eessaa dhufan?» jedhee gaafate. Hisqiyaasillee, «Biyya fagoo Baabilooniin irraa dhufan» jedhee deebiseef. Isaayyaasillee «Mana kee keessatti maal argan?» jedheen. Hisqiyaas, «Waan mana kiyya keessa jiru maraa arganiiran; wonti mana mootummaa kiyyaa keessaa ani isaanitti hin mudhifne hin jiru» jedheen. Isaayyaas Hisqiyaasiin «Dubbii Rabbii Waaqa banii maraa dhagayi. Wonti mana kee jiru, qabeenni abboonni tee dur irraa jalqabanii haga adhaa kuufatan maruu uduu wonti tokkollee hin hafne hennaan gara biyya Baabiloonii booji'aman hin dhufa; wonti tokkollee isinii hin hafu. Ijoolleen ati uumattellee booji'amanii mana mootii Baabiloonii keessatti sangoomsanii hojjachiisan.» jedhe. Mootichi Hisqiyaas bara ufii jiraatu maraa nagayaan jiraachuu waan hubateef raatticha Isaayyaasiin «Dubbiin ati Rabbiin irraa dhageettee natti himte misha'a» jedheen. «Jajjabeessaa'a; banii kiyya jajjabeessaa'a» jedha Waandhi keessan. Yerusaalemitti salphisa'aa himaa'a; isi'itti labsaa'a; barri garbumma'aan tajaajilte gayeera; gatiin cubbuu isi'ii kaffalameera; waan cubbuu ufii maraaf Rabbiin harkaa dachaa lama fudhatteerti. Laagaan nama labsii himuu akkana jedha, «Karaa Rabbii; lafa gammoojji'ii keessatti qopheessaa'a; karaa ijoo Waaqa keennaa; lafa onaa keessatti midhaassaa'a! Dhoondhi maruu ol jedha; gaarranii fi tulloonni maruu gad jedhan; lafti goobaa fi dhooqaa wol qixxaaya; bu'aa bayiin maruu raasaa ta'a. Ulfinni Rabbii hin mudhata, namni maruu woliin isa argan; waan afaan Rabbii kana dubbateef. Laagaan tokko, «dubbii raagaa iyyii labsi» naan jedhe; anillee, «Maal jedhee iyya?» jedhe; «Namni maruu akka margaati; ulfinni isaa maruu akka abaaboo raasa'aati. Margi hin goga; abaaboonillee hin harca'a; Hafuurri Rabbii waan itti bubbiseef baniin dhugama akkuma margaati. Margi hin goga; abaaboonillee hin harca'a; dubbiin Waaqa keennaa garuu baraa haga bara baraa jabaatee jiraata.» Ati ka Tsiyoonitti waan gammachu'uu himtu gaara ol jedhe gubbaa bayi ati ka Yerusaalemitti gammachuu himtu laagaa ol qabadhuu iyyi; ol qabadhu; hin sodaatin; qachoota Yihuuda'aatittillee «Waandhi keessan kunooti!» jedhi. Kunoo Rabbiin waa maraa olii hunnaan dhufa; hunna ufiitiin bulcha; kunoo gatiin isa woliin jira; gatiin kaffalullee isuma woliin jira. Tika ufii akkuma tisse'eetitti bobbaasa; ilmoolee irree ufiitiin wolitti qaba; ammuu keessatti isaan qaba; worra hoosisanillee seerumaan isaan masakka. Ka galaannan kornye'een safare; ka samiiwwan taakku'uun bikke; ka biyyee ardi'ii bikkitu'uun wolitti qabe; ka gaarran madaalaan; ka tulloota madaalaan bikku eennu? Ka Hafuura Rabbii hubate; ka gorsaa ta'ee isa barsiise hoo eennu? Rabbi beekkumsa argachu'uuf eennuun mari'ate? karaa sirrii hoo eentu isa barsiise? ka beekkumsa isa barsiise; ka karaa hubanna'aallee isatti mudhise eennuun ture? Kunoo baniin akka copha waabaa keessaati; akka daaraa madaallii irra jiruutitti laakkayaman; Lafa bisaaniin marfamte akka daaraa bullaaya'aatitti isaan madaala. Libaanos ibidda ciinca'aatiif hin geettu; laakkobsi horii isi'ii ciincaa ciincayuuf hin gayan. Baniin maruu isa afo'otti womaa miti; isaan isa afo'otti womattuu hin laakkayaman. Eeganaa Rabbiin eennuun wolitti bikkitan? fakii kamiin wolitti fakkeessitan? Fakii bocame ka ogummaa harkaa qabutu boca; ka worqii bassu worqii itti maxxansa; haada sibiilaa ka meeti'ii tolchaaf. Hiyyeessi dhabaan kennaa akkanaa dhiyeessuu hin dandeenne; muka hin xiinxanoofne filata; fakii hin kufne dhaabu'uuf ogeessa beekkamaa barbaada. Isin hin beennee? hin dhageennee? dur irraa isinitti hin himamnee? biyyi lafaa attamitti akka hundoofte isin hin hubannee? Inni korboo lafaa gubbaa teessoo ufii irra taa'a; baniin isi'ii akka awwaannisaati; samiiwwan akka golgaa diriirsa; akka daasee keessa jiraataniititti isaan dhaaba. Bulchoota waan diqqoo; worra adunyaa tana bulchan akka waan hin jirree isaan godha. Dhaabamanii uduu womaa hin turre; facaafamanii uduu hagamillee hin turre; Hidda gad fageeffachuu uduu hin jalqabne; itti bubbise; isaanillee hin gogan; haboonbolattiin akka bura'aatitti haxaayee isaan fudhate. Woyyichi, «Eennuun wolitti na qixxeessitan? eentu natti qixxaayalle'e?» jedha. Ol jedha'aa gara sami'ii laalaa'a; ka kanniin maraa uume eennu? ka duultota urjiiwwanii tokko tokkoon baasu; ka maqaa isaaniitiin isaan waamu isuma; sababaa guddinna jabeenna isaatii fi jabeenna dandeettii isaatiin tokkochillee hin badu. Yaaqoob! maaf akkana jetta? Israa'eel! maaf akkana dubbatta? «Karaan kiyya Rabbiin jalaa dhokateera; Waandhi kiyya murtii tiyyatti lash jedheera» maaf jetta? Hin beettuu? hin dhageennee? Rabbi Waandhi bara baraa ka daangaa lafaa mara uume. Hin dadhabu; hin laafu; hubannaa isaa eennullee qoratee bira gayuu hin danda'u. Ka dadhabee jabeenna kenna; ka haree hunna eda'a; Ka'immanuu hin dadhaban; hin laafan; dargaggeeyyiin gufatanii kufan. Worri Rabbiin abdatan garuu hunna ufii haarawoomfatan; akka bajjaatitti koolaan bararan; hin fiigan; hin laafan; hin deeman; hin dadhabanille'e. Rabbi akkana jedha, «Isin baniin lafa bisaaniin marfame irra jiraattan! cadhisa'aa dhagaa'a! baniin hunna ufii haa haarawoomfatanii; gara afo'oollee bayanii haa dubbatanii; murtii irratti wol haa geennuu. «Ka mooyate ka gara baya biiftu'uutii kaasee fide, akka isaa hojjatuuf ka isa waame eennu? banii dabarsee isaa kenna; moototallee isa jalatti bulcha; guraadee ufiitiin akka daara'aatitti, eboo ufiitiin akka bura'aatitti isaan bittinneessa. Karaa namni armaan dura irra deemee hin beenne irratti hennaa inni dafee isaan ari'u miidhaan tokkollee isaan irra hin gayu. Akka kun ta'u ka godhe eennu? akkaataa seenaan itti deemu ka tooyatu eennu? Ani Rabbi duruma jira; dhalootaan maayessallee anumatu jiraata. Baniin lafa bisaanii marfamte irra jiraatan hin sodaatan; waan ani hojjadhe maraa arganii nayan; wol gayanii tokko ta'anii gara kiyya dhufan. Kuun kaan gargaara; obboleessi obboleessa ufiitiin ‹jabaadhu› jedha. Namni ogummaa harkaa qabu, nama worqii bassu jajjabeessa; namni waaqa tolfamaa burrisaan tumee qulqulleessu, nama sibiila oo'e hodhuun ‹jabaadhu! akki ati maaxi'iin wolitti hodhitu kun misha'aa!› jedhaan. akka hin sochoone waaqa tolfamaa ufii mismaari'iin wolitti hodha» «Ati garuu Israa'el garbicha kiyya! Yaaqoobii ani filadhe; banii fiixaa Abrahaamii jaalalloo kiyyaa Ani daangaa lafaatii si fide; daangaa arfanii si waame; ‹garbicha kiyya naa taata› jedhee si filadhe malee ani si hin ganne. Ani si woliin jiraa hin sodaatin! Ani Waaqa keetii abdii hin kutatin! Ani si jajjabeessa, si gargaaralle'e; irree kiyya ka balchumma'aa ka mirgaatiin irkisee si qaba. Worri siin lolan maruu mooyatamanii saalfatan; worri si miidhu'uuf ka'an maruu badanii akka waan hin jirree ta'an. Ati diintota kee hin soxxa; garuu isaan hin argitu; worri lola sitti kaasan; sirima akka waan hin jirree ta'an. ‹Hin sodaatin; hin nayin, harka kee ka mirgaa qabee si gargaara› jedha'aa ka si jajjabeesse ana Rabbi Waaqa keeti. Rabbi akkana jedha, «Ati Israa'el, ta akka raammo'oo laaftu! Ani waan si gargaaruuf hin sodaatiin; woyyichi Israa'elii ka si furu anaa. Ani akka meeshaa haarawa ilkaan qara qabuu ka waa woraanuu si taasisa; ati gaarranillee hin butuchita; tullootallee sukkuumtee akka bura'aa isaan goota. Isaan gingilchita; qilleensi haxaayee isaan fudhata; haboonbolattiin isaan bittinneessa; ati hennaa san Rabbiin gammada; ana woyyicha Israa'eliitiin dhaadatta. Hiyyeeyyiinii fi worri rakkatan bisaan soqatan, garuu hin argatan; sababa dheebu'uutiif yoo kokkeen isaanii goge, Ani Rabbi kadhaa isaanii hin dhagaya; Ani Waandhi Israa'elii isaan hin dhiisu. Tulloota gogan irra laga kiyya yaasa; dhooqa keessaallee burqaa bisaaniititu yaa'a; lafa gammoojji'ii hulee haroon itti kuufamu; lafa gogaa akka bisaan keessaa burqu taasisa. Muka Libaanosii, dhaddacha, qilxuu, hindheessaa fi ejersa lafa onaa keessatti biqilcha; lafa gammoojji'ii keessatti birbirsa, qaraaruu, hindheessaa fi bosona ejersi itti baay'atu biqilcha. Wonti ani waan kanniin godhuuf ani Rabbi akka harka kiyyaan hojjadhee fi ani woyyichi Israa'elii akka uume maruu arganii akka beekanii qaabata'aa hubataniif.» Rabbi mootiin Israa'elii akkana jedha, «Yaada keessan dhiyeeffadhaa'a; ragaa keessanillee fidadhaa'a. Waaqolee tolfamaa keessan as fidaa'a; dhuma isaanii akka beennu mee nutti haa himanii; duranaa bu'aan isaanii maal akka ta'u hubannee akka beennu wonti durii maal akka ta'e nutti haa himanii; yookaan uf afoo maaltu akka ta'u nutti haa himanii. Isinillee waaqa tolfamaa ta'uu keessan akka beennu waan uf afoo ta'u maraa mee nutti himaa'a; mee waan mishaa godhaa'a; yookaan mee nu isin arginee sodaannee akka raafamnu waan hamaa godhaa'a. Isinii fi hujiin keessanillee duwwa'a; worri isin waaqeffachuu barbaadanillee worra shakkame. «Ani Rabbi bulchaa tokko gara kaabaatii kaaseera; innillee dhufeera; inni ka maqaa kiyya waamuu fi ka gara baya biiftu'uutii dhufu; akkuma namni faara dhayu biyyee faaraa dhidhiitu innillee bulchoota dhidhiita. Akka beennuu fi wonti kun dhuga'a jechuu akka dandeennu ka waan kana duruma irraa jalqabee dubbate eennu? ka waan kanaaf ibsa kenne yookaan ka labsii labsisiise isin keessaallee ka waa dubbate hin jiru. Hennaa jalqabaatiif oduu kana ka Tsiyoonitti hime ana; Yerusaalemiifillee ka nama oduu gammachu'uu himu erge ana. Hennaa uf duuba midhadhee laalu eennullee hin jiru ture; waaqolee tolfamaa keessaa ka waa gorsu hin turre; hennaa ani gaafii gaafadhu ka deebii naa deebise hin jiru. Kanaafuu waaqoleen tolfamaan kunniin maruu duwwa'a; womaa godhuu hin danda'an; fakiin isaaniillee akkuma qilleensaa duwwa'a.» Rabbi akkana jedha, «Tajaajilaan kiyya ka ani irkisu, ka ani filadhee fi ka ani itti gammadu kana; Hafuura kiyya isaa kenneera; inni baanii maraafuu murtii qajeelaa murteessa. Inni hin wocu, laagaa ufii hin dhageessisu; laagaa ufiillee akka raasa'atti dhagayamu hin godhu. Inni leemman babbaqaqellee hin cabsu; ibsaa badu'uuf ta'ullee hin dhaamsu; inni amanamumma'aan haqa hojjata. Inni haga lafa irratti haqa fiduuf hin hifatu; abdiillee hin kutu; baniin biyya fagoo jiranillee barumsa isaa dhagayu'uuf hawwan.» Rabbiin samiiwwan uumee qacce'ee haga qacce'ee isaan diriirse; ka ardi'ii fi waan lafa irra jiraatu maraa uume, ka bani'ii lubbu'uu fi Hafuura kenne. «Ani Rabbi qajeellumma'aan si waameera; harka kee qabee si eegeera; worra kiyyaaf waadaa, worra Yihuudii hin taaneef ifa si godhee isaanii si kenneera. Kanaafuu ati worra jaamee ija banta; worra mana hidha'aa boolla dukkanaayaa keessatti hidhame hin baafta. «Ani Rabbi; maqaan kiyya kana; Waaqoleen biraa ka ulfinna kiyya falman hin jiran; waaqoleen tolfamaan akka galata kiyya qoodaman hin barbaadu. Wonti ani armaan dura dursee dubbadhe maruu kunoo raawwatameera; amma garuu waan haarawa durana ta'u'uuf ta'u uduu hin raawwatamne firrisee dubbadha» jedha. Faaruu haarawa Rabbii faarfadhaa'a! baniin adunya'aa maruu faaruu galataa dhiyeessaa'a! worri galaana keessa jiraatan maruu, worri daangaa biyyootaatii fi worri isii keessa jiraatan maruu haa galatoonfatanii! Qachoonni gammoojji'ii fi lafa gammoojji'ii keessatti argaman, akkasuma gandiin baniin Qeedaarii keessa jiraatan haa gammadanii; worri qachaa Seeraa'ii keessa jiraatan maruu gammadanii haa faarfatanii; qaccee gaaraa irraallee laagaa ililfataa haa dhageessisanii. Rabbiin haa kabajjanii; daangaa biyya maraatittuu galata isaa haa labsanii. Rabbi akka loltuu jannaatitti baya; laagaa ufii ol qabatee lola labsa; diintota ufiillee hin mooyata. Rabbi akkana jedha, «Ani hennaa dheera'aaf obse; cadhiseellee uf qabe; amma garuu akka dubartii ciniinsuun qabee ciniinsifattuutitti laagaa guddaa dhageessisa; aaree lola. Gaarranii fi tullootallee hin diiga; waan isaan irratti biqile maraa hin gossa; laggiin lafa gogaa godha; haroowwanillee hin gossa. Worra ijaan hin argine karaa dura isaan deemanii hin beenneen isaan masakka; karaa guddaa isaan duraan hin beenneen isaan masakka; dukkana isaan afo'otti golgame gara ifaatitti jijjiira; dhooqaa fi gooddallee wol qixxeessa; wonti kunniin maruu waan ani raawwadhu waan ta'eef hin dhiisu. Worri waaqolee tolfamaa abdatanii fakii garagaraatiin ‹isin waaqolee keenna› jedhan hin mullan. Isin worri gurraan hin dhageenne dhagayaa'a! isin worri ijaan hin argine guuttadha'aa laalaa'a! Namni akka garbicha kiyyaa ija jaame eennu? garbicha kiyya ka ani ergadhu malee ka gurra duude eennu? jaamaan akka namicha na jalatti buluu eennu? yookaan jaamaan garbicha Rabbii fakkaatu eennu? Israa'elii kiyya! waan baay'ee argiteerta; ati garuu qalbi'iin hin hubanne; gurri kee bana'a, garuu hin dhageettu. Rabbi murtii ufii ka dhuga'aa jabeessu'uu fi seera ufiillee gudda'aa fi kabajjamaa godhuu jaalate. Baniin garuu saamamee qabeenna isaaniillee jalaa fudhatanii goda keessatti isaanitti cufaniiran; mana hidha'aatitti hidhamaniiran; saamamanii booji'amaniiran; eennullee isaan oolchuu hin dandeenne. Isin keessaa namni waan kana xiinxallee waan waan dhufu'uuf ta'uu caqasu eennu? Worra Israa'elii ijoollee Yaaqoobii ka worra saamuu fi worra roorrisutti dabarsee isaan kenne eennu? ka waan kana godhe Rabbii mii? wonti kun ta'eef waan nu isa yakkinee, karaa inni barbaadu hin deemneef; waan seera isaatiifillee hin ajajamneef. Kanaaf inni lola ufii sodaachisa'aa fi woraana ufii ka nama sodaachisu nutti buuse; Inni naannaya keennatti ibidda qabsiise; nu garuu waan kana maraa hin hubanne; nu gube, garuu nutti hin beessifne. Amma garuu worra Israa'elii ijoollee Yaaqoobii! Rabbiin isin uume akkana jedha, «Ani waan isin oolchuuf hin sodaatinaa'a; isin banii kiyya; maqaa keessaniinillee isin waameera. Hennaa bisaan ceetan Ani isin woliin ta'a; hennaa laga ceetan lanni isin hin liqimsu; hennaa ibidda keessa seentanillee ibiddi isin hin gubu; arrabni ibiddaa gubee daaraa isin hin godhu. Ani Rabbiin woyyichi Israa'elii Waaqaa fi fayyisaa keessan; Ani isin oolchu'uuf biyya Misirii, biyya Itoophiya'aatii fi biyya Saaba'aa isinii kenna. Isin na biratti worra jaalatame; Ani waan isin jaaladhuuf lubbuu teessan hambisu'uuf bani'ii fi mootota tiyya isinii kenna. Ani waan isin woliin jiruuf hin sodaatinaa'a; Ani isinii fi ijoollee teessanillee baya biiftu'uutii fi dhiya adu'uutiillee wolitti qabee fida. Ijoolleen tiyya ta dhiiraa biyya fago'ootii akka dhufan biyya gara kaabaa jiran hin tuqina'aa dhiisaa'a; ‹hin qabinalle'e› jedhee ajaja. Isaan banii maqaa kiyyaan waamamanii fi ka ani midhaassee ulfinna kiyyaaf uume.» Rabbi akkana jedha, «Banii kiyya ka uduu ija qabu hin argine, ka uduu gurra qabu hin dhageenne, wolitti naa qabaa'a! Baniin maruu wolitti haa qabamuu; isaan keessaa namni waan ammaatii fi waan durii ka duraan ibsee dubbate eennu? nama dhuga'aa ta'uu ufiitii fi ragaa haa dhiyeeffatanii; isaanillee dhagayanii dhuga'a haa jedhanii. Isin akka ani Rabbiin ta'e beettanii akka natti amantaniif isin filadhe; garboonni tiyyaa fi worri ragaa naa bayu isin; dhugamaan ana malee Waandhi biraa hin jiru; armaan durallee hin turre; uf afoollee hin jiraatu. «Ani Rabbi; Ana malee ka fayyisu hin jiru; Ani waan durana ta'u'uuf ta'u firrisee dubbadheera; ka isin oolche ana; waaqolee tolfamaa worra ormaa keessaa tokkollee ka waan kana hojjate hin jiru; waan kana maraafuu isin naa raga'a. Ani duruma irraayyuu jalqabee Waaqa; harka kiyyaa eennullee eennuun hin oolchu; waan ani hojjadhe ka jijjiiru hin jiru» Rabbi woyyichi Israa'elii fayyisaan keessan akkana jedha, «loltoota waan keessaniif biyya Baabilooniititti duulu erga; balbala dallawa qachatti'ii hin caccabsa; dhaaduu worra Baabiloonii gara booyichaa jijjiira. Ani Rabbi Waaqa woyyuu keessan; Israa'elii kiyya! natu isin uume; mootiin keessanillee anuma» Rabbi galaana keessaan karaa baase; bisaan keessaan hulee ceeyaniin hojjate. Worra farado'ootii fi konkolaataa fardaa duultota woraanaatii fi worra jajjaboota gara hulee isaan itti badanii isaan fide; isaan kufaniiran; deebi'anii hin ka'an. isaan akka ibsaa dhaamsu'uuf afuufaniititti badan. Rabbi akkana jedha, «Waan armaan dura ta'e hin yaadinaa'a; waan armaan dura raawwatamellee hin dhudhuminaa'a. Ani ammaa achi waan haarawa godha; innillee ammuma mudhata; lafa onaa keessaan karaa baasa; lafa gammoojji'ii keessaan laggiin yaasa. Hennaa ani banii ufii filadhee bisaan isaanii kennu'uuf lafa gammoojji'ii keessatti laggiin, lafa onaa keessattillee bisaan fincaayaan akka yaa'u godhe busaawaan lafa gammoojji'ii uduu hin hafne na kabajjan; jeedallanii fi guchiiwwan na galatoonfatan. Baniin kunniinillee banii ufii uume waan ta'aniif na galatoonfatan» Rabbi akkana jedha, «Israa'el ijoollee Yaaqoobii, isin na waamachuu dhiiftaniirtan; na tajaajiluullee hin barbaanne. Hoolota teessan ta ciinca'aallee naa hin dhiyeessine; ciincaa keessaniinillee na hin kabajjine; Anillee akka kennaa naa kennitaniif isin hin rakkifne; Qarshii keessaniin hixaana urgaayu naa hin binne; cooma ciincayeen na hin gammachiifne, isin garuu baay'inna cubbuu keessaniitiin ba'aa natti taatan; baay'inna yakka keessaniitiinillee na hifachiiftan. Wonti kun maruu ta'ee ani Waaqa cubbuu keessan isinii dhiisu; kana wonti godhuuf isiniif uduu hin taane ufiif jedheeti; kanaafuu cubbuu keessan isinitti hin laakkayu; «Na qaabadhaa'a; dubbii keessan dhiyeeffadha'aatii dhugaa keessan arganii isinii haa raganii. Abbaan keessan ka duraa cubbuu hojjate; barsiisonni teessanillee yakka hojjatanii na gaddisiisan. Kanaaf battaawuu bulchoota mana woyyu'uu ifa baase; worra Israa'elii ijoollee Yaaqoobiillee akka salphatanii fi akka sirima badan isaan godhe.» Amma garuu Rabbi akkana jedha, «Isin ijoollee Yaaqoobii! Israa'elii akka na tajaajiltaniif isin filadhe! dhagayaa'a. Ani Rabbii gadaamessa keessatti isin uumee fi ka isin gargaaru; isin tajaajiltoota tiyyaa fi Yeshuruunii ani filadhe waan taataniif hin sodaatinaa'a; «Lafa dheebottee bisaan kenna; lafa goge irra laggiin akka yaa'u godha; ijoollee tee irra Hafuura kiyya buusa; eebba kiyyallee ilma ilma keetiitii kenna. Isaan akka marga kolbatti bisaan dhugee, akkuma boboffee afaan lagaatitti margeetitti lalisan; «Namni ‹Ani ka Rabbiiti› ufiin jedha; ka biraa maqaa Yaaqoobiitiin waamama; ka biraa garuu malkata ‹ani nama Rabbiiti› jedhu harka ufii irratti barreeffata; maqaa Israa'elii ka shele'eetiin waamama.» Rabbi fayyisaan, mootiin Israa'eliitii fi ka banii maraa akkana jedha, «Jalqabaa fi dhumtillee ana; Ana malee Waandhi biraa hin jiru. Ka akka kiyyaa eennu? mee yoo jiraate haa dubbatuu; ka waan durana ta'u'uuf ta'u dursee dubbate eennu? mee ragaa ufii natti haa dhiyeeffatuu. Isin hin nayinaa'a; hin sodaatinaa'a; Ani dur irraa jalqabee isinitti hin himnee? yookaan isinii hin ibsinee? isin waan kanaaf naa raga'a; ana malee Waandhi biraa hin jiraa? Ana malee irkoon jabaan biraa hin jiru» Worri waaqa tolfamaa harkaan boca'aa hojjatan maruu duwwa'a; wonti fedhan womaa bu'aa isaanii hin qabu; kanaaf guddisanii saalfatan. Namni waaqa tolfamaa yookaan fakii bu'aa hin qabne hojjataa? Worri waaqa tolfamaa waaqeffatan maruu hin saalfatan; ka waaqa tolfamaa hojjatu nama malee ka biraatii miti; isaan maruu wol gayanii na afoo haa dhaabatanii; isaan maruu sodaatanii mullan. Namni sibiila bassu waaqa tolfamaa hojjachu'uuf sibiila fuudhee ibidda keessatti bassa; sibiila san qajeelchu'uuf irree ufii jaba'aan burussa'aan tuma; hennaa waan kana hojjatu hin beelaya, hin dheebota, hin dadhaba. Ogeessi muka bocu muka boce irratti sarara baasa; bifa gara garaatiin saamsa; sibiila mukaan huufaniin huufee midhaassa; meeshaa waa bikkaniin bikkee akka inni sirrii ta'e laala; bocee nama bareedaa fakkeessee achiin maayessa mana waaqa tolfama'aa keessa kaaya. Waan kana hojjachu'uuf muka Libaanosii, muka birbisaa, yookaan bosona keessaa qilxuu filata; yookaan hindheessa dhaabee haga roobni itti roobee guddisuuf eega. Namni mukuma tokko irraa qoraaniif, garii fakii waaqa tolfama'aa hojjachu'uuf, garii ibidda bobeessee oo'ifatu'uu fi buddeenaan godhachu'uuf itti fayyadama; ka biraatiin garuu fakii waaqa tolfama'aa hojjatee waaqeffata, garii ibiddaan bobeessee buddeenaan bilcheeffatee itti fayyadama; foonillee itti woddatee nyaata; haga ibiddi sun itti oo'een maayessa «ibiddi kun ibidda misha'a! attamitti oo'a!» jedha. Muka hafe garuu waaqa tolfamaa hojjatee isa afo'otti kufee sagada'aa waaqeffata'aa «Ati Waaqa kiyya, na oolchi» jedha'aa isa kadhata. Namoonni kunniin ijji isaanii waan itti haguuggifamteertuuf arguu hin danda'an. Namni «muka kana garii hin bobeesse, barbadaa isaatiin daabboo bilcheeffadhe, foonillee itti woddadhee nyaadhe; muka hafe kana garuu waaqa tolfama'aaf hambisaa? muka diqqo'oo sagadaa?» jedhee yaadu yookaan ka beekkumsaa fi hubannaa qabu hin jiru. Namni attamitti muka gubatee daaraa ta'u haga waaqeffatu'uutitti gowwooma? gowwummaan isaa waan isa dogoggorseef uf oolchuu hin danda'u; yookaan «wonti harka kiyya ka mirgaa irra jiru kun Waaqa malee waaqa tolfama'a» jechuu hin danda'u. Rabbi akkana jedha, «Israa'el! waan kana hubadhu; ani si uume; ati akka garbicha kiyya taate hin dagatin; ani si hin irraanfadhu. Yakka kee akka duumessaatitti, cubbuu keellee akka hurrii ganamaatitti balleesseera; Ani si fayyiseeraa gara kiyya deebi'i» Samiiwwan! Rabbi banii ufii Israa'eliin oolchu'uun ulfinna ufii mudhiseeraa gammachu'uun faarfadhaa'a; ati lafti ililfadhu; gaarran, bosonninii fi mukkiin isaan keessatti argamtan maruu laagaa gammachu'uu dhageessisa'aa burraaqaa'a. Rabbiin fayyisaan gadaamessa haatetii keessatti si uume, ka waan maraa uume, ka samiiwwan hojja kiyya diriirse, ka lafa hojja kiyya dhise ana eentu na woliin ture? Malkata raattota sobaatii fi falfala worra moruu duwwaa taasisa; ogummaa beettotaa uf duuba deebisa; beekkumsa isaanii gowwumma'atti jijjiira. Dubbii garbicha kiyyaa hin jabeessa; raaga raattota tiyyaa akka raawwatamu taasisa; isaan Yerusaalemiin ‹banii baay'e'etu keessa jiraata; qachoonni biyya Yihuuda'aallee deebi'anii ijaaraman; ka jigellee deebi'ee haarawoomfama› jedhan. Ani garbaan ‹ani laggiin kee waan gossuuf ati gogi› jedhaan. Qiroosiin ‹ati tissee banii kiyyaati; karoora kiyya maraa hin raawwatta› jedhaan; Yerusaalemiin, ‹ati deebitee ijaaramta› mana woyyu'uun ‹bu'uurri kee hin dhaabata› jedha. Akka baniin baallii isaa jalatti bulan godhu'uuf, mootota akka baallii isaanii irraa buusu, akka balbala qachootaa isaanii banuuf, mootii harka mirgaa qabee dibee moosise Rabbi Qiroosiin, «Ani si afoo deema; gaarran si afoo jiran hin diriirsa; balbala sibiila diima'aan hojjatamanii fi loosaa sibiilaa hin caccabsa. Qabeenna hulee dukkanaatii fi lafa dhossa'aatitti kuufame sii kenna; akka kanaan ani Waandhi Israa'elii ka maqaa keetiin si waame akka Rabbiin ta'e beetta. Worra Israa'elii ijoollee Yaaqoobii ta ani filadhe akka gargaartuuf, ati yoo na hin beennellee maqaa keetiin si waamee ulfinna sii kenneera. Ani Rabbi; ana malee Waandhi biraa hin jiru; Ati yoo na hin beennellee jabeenna sii kenna. Wonti ani waan kana godhuuf adunyaan guutuun akka ani callaan Rabbiin ta'ee fi ana malee Waandhi biraa akka hin jirre haa beekani'iif. Ani ifaa fi dukkana uuma; nagayaa fi badiillee hin fida; ani Rabbi waan kana maraa hin godha. Isin samiiwwan ol gubbaa jirtan! balchummaa akka roobaatitti roobsaa'a; duumessillee rooba gad haa roobsuu; ardiin haa banamtu; fayyummaanillee haa biqiluu; ani Rabbi waan isa uumeef balchummaanillee woliin haa biqiluu.» Nama uumaa ufiitiin mormuu hobbaas! inni meeshaa faaraa ka namni hojjatu keessaa tokko; faarri nama isa hojjatuun «maal wonti ati godha'aartu? eessa qabatan?» jedhee gaafachuu danda'aa? Yookaan ilmi abba'aa fi haadhaan «Maaf akkanatti na uumattan?» jedhee gaafachuu danda'aa? Rabbiin uumaan, Waandhi woyyichi Israa'elii, Waan waan dhufu'uuf ta'anii akkana jedha, «waan ijoollee tiyyaa maaf na gaafattan? waan hujii harka kiyyaatiif na ajajjanii? ka ardii uume; ka namallee uumee akka isii irra jiraatu taasise ana; ka samiiwwan hunna kiyyaan diriirse, ka banii achi irra jiraatu tooyatullee ana.» Waandhi banii maraa akkana jedha, «Qiroosiin hujii balchumma'aatiif kakkaase; karaa isaa maraa qajeelcheeraaf; inni qachaa tiyya Yerusaalemiin deebisee ijaara; banii kiyya ka baqate bilisa baasa; inni wonti waan kanniin godhuuf akka eennullee horii isaa kaffaluuf yookaan akka jasaa isaa deebisaniifii miti» Waandhi banii maraa waan kana dubbateera. Rabbi akkana jedha, «Qabeenni biyya Misiriitii fi daldalli Itoophiya'aa isinii kennama; namoonni dhedheeraan biyya Saaba'aallee haada sibiilaatiin hidhamanii dhufanii isin duukaa bu'an; isaan harka kennatanii ‹Rabbi isin callaa biratti argama; ka biraa biratti hin argamu; isa malee Waandhi biraa hin jiru› jedhan» jedha. Waaqa Israa'elii ka fayyiftu! dhugamaan hujiin kee hubannaa namaa jalaa dhokata'a; Worri waaqa tolfamaa hojjatan maruu hin saalfatan, hin salphatan. isaan maruu wolumaan salphatan. Isin baniin Israa'elii fayyummaa bara baraa ka Rabbi isinii kennuun fayyitan; baraa haga bara baraa hin saalfattan, hin salphattan. Ka samiiwwan uume Rabbi; ka ardiillee uumee bifa kenneef isa; wonti isii uumeef akka irra jiraataniif malee akka bifa dhabdee duwwaa taatuufii miti; Inni «Ana malee Waandhi biraa hin jiru; biyya dukkanaatitti dhossa'aan hin dubbanne; ijoollee Yaaqoobiitiin ‹akkanumaan duwwaa na soqaa'a› hin jenne; ani Rabbi dhugaa dubbadha; waan sirrii ta'ellee hin ibsa. Isin worri biyya adda addaatitti baqattanii haftanii deebitan, isin maruu wol gaya'aa koottaa'a! worri waaqa tolfamaa muka irraa hojjatame qabatanii oolii fi gad deema'aa waaqa tolfamaa nama hin fayyifne kadhatan worra beekkumsa hin qabne. Ati hajaa tee dhiyeeffadhuu himadhu; worri dur waan kana dubbatan wol gayanii haa mari'atanii; ka dur dubbate eennu? ani Rabbi hennaa san hin jiruu? ana malee Waandhi balchaanii fi fayyisaan hin jiru. Ana malee Waandhi biraa waan hin jirreef worri haga daangaa lafaa jirtan maruu gara kiyya deebi'a'aa fayyaa'a. Ani hennaa abdii dhuga'aa ka hin jijjiiramne kennu uf hedadheeti. kanaafuu jilbi maruu naaf jilbiiffata; arrabni maruu maqaa kiyyaan kakata. «‹Balchummaanii fi hunni Rabbuma callaa biraa argama› jedhanii waan kiyya dubbatan; worri na jibban maruu gara kiyya dhufanii saalfatanii kufan. Garuu ijoolleen Israa'elii maruu ana Rabbiin irraa moote'ee fi ulfinna argatan. Waaqoleen sobaa ka «Beelii» fi «Neeboo» jedhaman hin jilbiiffatan; waaqoleen tolfamaan isaanii horii fe'a'aa irratti fe'amaniiran; fakiin waaqolee tolfama'aa horii huqqatetti guddisee ulfaata. Horiin fe'a'aa waan fe'aan itti ulfaateef fe'aa woliin kufan; waaqoleen tolfamaan isaaniillee waan uf oolchuu hin dandeenneef booji'amanii fudhataman. «Isin ijoolleen Yaaqoobii fiixaan Israa'elii ka ani gadaamessa haadha teessaniititti isin eegee fi ka urga dhalattan irraa jalqabee isin gargaare na dhagayaa'a. Jaartanii haga arrii baaftaniitittillee isin eega; natu isin uume, isin kunuunsa; isin gargaara; waan hamaa irraallee isin eega. «Eennuun wolitti na bikkitan? eennuun wolitti na qixxeessitan? eennuun wolitti fakkeessitanii na bikkitan? Namoonni gariin qaraciitii ufii bananii akka ufii barbaadanitti worqii keessaa fuudhan; meetiillee madaalaan bikkan akka waaqa tolfamaa isaanii hojjatuuf ogeessa sibiila bassu hori'iin bitanii galfatan; haga hojjatameen maayii isaa sagada'aa waaqeffatan. Ol fuudhanii gurmu'utti baatan; yoo hulee tokko kaayan achuma taa'a; hulee sanii ka'ee socho'uu hin danda'u; eennullee yoo isa kadhate deebii hin kennuuf; yookaan eennuunillee badii irraa hambisuu hin danda'u. Isin worra hammeeyyii'i! waan kana sammu'utti qabadhaa'a; qalbi'ittillee qabadhaa'a. Akka ani callaan Waaqa ta'e; ana malee Waandhi biraa akka hin jirre beekaa'a; waan bara durii raawwataman qaabadhaa'a; ani Waaqa; ka biraa ka ana fakkaatu hin jiru. Waan gara dhumaatitti ta'u durumaa dubbadheera; waan durana ta'u duruma addaataa himeera; kaayoon kiyya ka hin jijjiiramne; waan na gammachiisu godha. Ani gara baya biiftu'uutii waan akka cuungululle'eetitti nama butu waama; inni nama fago'oo dhufu ka kaayoo kiyya raawwatu; ani waan jedhe hin taasisa; waan karoorfadhellee hin raawwadha. «Isin worri garaa jabaattanii dhugaa irraa fagaattan na dhagayaa'a. Ani hennaa dhiyoo keessa balchummaa kiyya mudhisa; fayyisuun kiyya hin turu; Ani Yerusaalemiin hin hambisa; Israa'eliin ulfinna kiyya itti uwwisa» jedha. Rabbi akkana jedha, «Ati qachaa Baabiloonii ta eennullee si hin uggine! teessoo ulfinnaa kee irraa bu'ii daaraa irra lafa taa'i; ammaa achi qananiitu'uu fi kasoo jedhamtee waamamuun kee hin hafa. Eeganaa majjee kee fudhadhuu midhaan daaki; haguugguu kee ol qabadhuu uffata ulfinnaa uf irraa mulqadhu; shinshinii kee uf irraa mulqii sarbaa qulla'aan laga ceeyi. Baniin maruu akka ati qullaa taate si argan; saalli kee ifa baya; ani eennuullee hin araaramu; maraa haluu baya» Ka nu furu Waaqa banii maraati; maqaan isaallee woyyicha Israa'eliiti. Rabbi akkana jedha, «Baabiloon! cadhisii dukkana keessa taa'i; ammaa achi ‹mootittii moototaa› jedhanii si hin waaman. Ani banii kiyyatti aaree akka waan batti'iititti isaan laalee, dabarsee isaan sitti kenne; ati garuu isaanii garaa hin laafne; manguddoota isaanii irratti qambaraa rakkinnaa ka ulfaatu feete. ‹Ani baraa haga bara baraa mootittii ta'ee jiraadha› jetteerta; waan goote kana hin dhudhumne; bu'aan hujii keetii maal akka ta'e hin hubanne. «Ati ta garaa kee keessatti ‹ka akka kiyyaa hin jiru; akka dubartii abbaan worraa jalaa du'ee ta'ee hin jiraadhu; yookaan finni na jalaa hin du'u› jettee boona'aa shallaltu waan kana dhagayi. Wonti lamaan kunniin dimmaa guyyama tokko si irra gaya; haguma fedhellee yoo falfalli kee guddatee fi guddiftee mortellee duuti ijoollee teetii fi abbaa worraa kee irrallee hin gaya. «Ati hammeenna keetiin boontee ‹eennullee na hin argu› jette; beekkumsi keetii fi ogummaan kee si tatayyarsan; ati garaa kee keessatti ‹eennullee ka akka anaa hin jiru› jette. Waan hamaa mita keetiin balleessuu hin dandeennetu sitti dhufa; rakkoo uf irraa dhoogguu hin dandeennetu si irra gaya; badii na irra gaya jettee hin yaannetu dimmaa si irra gaya. Mee yoo ka sii ta'uu falfala kee ka nama hadoochuu fi dhamaasu ka ijoollummaa kee irraa jalqabdee itti fayyadama'aa turte lafa kaayi; maal laataa hennaa diqqo'oof si gargaaruu danda'an; yookaan diintota kee ittiin sodaachisuu dandeetta. Gorsi ati nama irraa fudhatte maruu si dadhabsiisa malee womaa si hin fayyadu; worri jalqaba ji'aa urjii laakkayan, worri urjiiwwan laalaan gara afo'oo dhufanii rakkoo si irra gayu irraa mee si haa oolchanii. «Akka bura'aatitti ibiddi isaan guba; hunna arraba ibiddaa jalaallee uf oolchuu hin danda'an; buraan barbadaa ibiddaa ka oo'ifataniin isaanii hin ta'u. Worri moru ka hennaa ijoollummaa keetii irraa jalqabee si woliin moran maruu akkuma kana karaa dogoggoraatiin tatayyaran; kanaafuu eennullee si oolchuu hin danda'u» Isin baniin lafa bisaaniin marfamte irra jiraattan na dhagayaa'a! namoonni biyya fagoo jirtanillee hubadhaa'a; Rabbi uduu ani hin dhalanneen dura na waame; uduu ani gadaamessa haadha tiyyaa keessa jiru maqaa natti baase. Arraba kiyya akka guraade'eetitti qare; gaaddisa harka ufii jalatti na dhosse; akka Toorida'aatitti na qaratee qola ufii keessatti na dhoffate. Inni «Israa'el! ati tajaajilaa kiyya; sababaa keetiif baniin maruu na kabajja» naan jedhe. Ani garuu «akkanumaan duwwaa dadhabe; faayidaa malee hunna kiyya fixadhe; ta'ullee gatiin kiyya Rabbiin bira jira; gatiin dadhabbii kiyyaa Waaqa bira jira» jedhe. Uduu ani gadaamessa haadha tiyyaa keessa jiru Rabbi na filateera; Israa'el ijoollee Yaaqoobii ta bittinnoofte akka wolitti qabuuf tajaajilaa ufii na taasifate; ani Rabbiin biratti kabajjama'a; Waandhi kiyya hunna naa ta'e. Rabbi akkana jedha, «ulfinna gosa Yaaqoobii deebisu'uuf tajaajilaa kiyya taatee hojjachuu callaan hin gayu; ka kana caalu fayyisuun kiyya akka haga daangaa lafaa gawu; ati akka banii maraafuu ifa taatu si taasisa.» Rabbi woyyichi Israa'elii fayyisaan si'ii banii maraa biratti tuffatamtee fi jibbamte si'ii hojjataa bulchoota maraatiin mootonni yoo si argan lafaa sii ka'an; worri jajjabaanillee sii sagadan; wonti kun sii ta'uuf waan Rabbiin woyyichi Israa'elii amanamaan si filateef.» Rabbi akkana jedha, «Hennaa ufii filadhetti faatee teetiif deebii deebisa; guyyaa fayyumma'aallee si gargaara; akka ati biyyattii deebiftee ijaartuuf, lafa ona taate akka qoqqooddu, ani waadaa godhee bani'ii si kenneera. Ati worra hidhaman hidha'aa hiittee ‹bilisaan deemaa'a› jetta; worra dukkana keessa jiruun ‹gara ifaa bayaa'a› jetta; isaan karaa deemanitti waan nyaatan argatan; gaara gogaa irra akka Re'iinii bobbayan. Hin beelayan, hin dheebotan; oo'inii fi aduunillee isaan hin gubu; wonti kun ta'uuf waan inni garaa isaanii laafu gara hulee burqaan bisaanii jiru isaan masakkuuf. «Gaarran kiyya diigee karaa baasa; karaa kiyya wol qixxeessa. Baniin kiyya biyya fago'ootii dhufan; kaabaa fi dhiya adu'uutii; biyya Siiniimiitiillee hin dhufan.» Rabbi waan banii ufii jajjabeessuu fi worra rakkataniifillee waan garaa laafuuf isin samiiwwan! faarfadhaa'a; atillee ardiin gammadi; isin gaarranillee ililfadhaa'a; Baniin Yerusaalemii garuu «Rabbi nu dhiiseera; Gooftaan nu irraanfateera» jedhan. Haati dhugama finna ufii deettetti garaa jabaattee irraanfattii? ee; irraanfatuu dandeetti; ani garuu si hin irraanfadhu. Yerusaalemii tiyya ani ganaa harka kiyyaa keessatti si barreeffadheera; dallawwan kee hennaa maraa hin yaadadha; Worri deebisanii si ijaaran worra jajjaba'a; worri si diigan garuu si irraa fagaatanii deeman; Mee ol jedhii naannaya kee laali; ijoolleen tee maruu wol gayanii gara kee dhufan; Ani Rabbi jiraataa waan ta'eef isaan maraa akka uffataatitti uffatta; akkuma idaayyittiin faaya gara garaatiin qandhaftu atillee isaaniin qandhafta; Akka ati diiggamtee ona taatu, akka lafti teellee diiggamtee baddu yoo si taasisan, ati worra si keessa jiraachu'uuf gara kee dhufanitti hin dhiphatta; worri si diigan si irraa dheessanii fagaatan. Ijoolleen tee ta hulee baqaatitti dhalatte ‹huleen kun waan nutti dhiphateef hulee jiraannu badhaa nuu kenni› siin jedhan. Achiin maayessa onnee kee keessatti ‹ijoollee tanniin eentu naa uumate? ani ijoollee dayee dhabe; baqadhee nama ufitti na qabu dhabe; eeganaa ijoollee tanniin eentu guddise? ani hojja kiyya hafee turee ijoolleen tunniin eessaa dhufte?› » jetta. Rabbi Gooftaan akkana jedha, «ijoollee tee ta dhiiraa akka boba'atti baadhatan, ijoollee dubaraa garuu akka gurmu'utti baataniif moototaa malkata kenna; harka kiyya gara worra ormaa hiixadha. Mootonni abboota kee ka si guddisan ta'an; haawwonni manaa ta moototaallee si guddisan; kallachaan gad jedhanii sii sagadan; daaraa luka keetiillee hin arraaban; sababaa kanaaf ati akka ani Rabbiin ta'e beetta; worri gargaarsa argachu'uuf eeggatan sirima hin saalfatan» jedha. Janna harkaa waa booji'anii danda'uu? nama gar jabeessa harkaa waan inni booji'e harkaa gad dhiisisuun danda'amaa? Rabbi akkana jedha, «Ani worra siin mormu waan mormuuf boojuun janni harkaa qabuu harkaa fudhatama; nama gar jabeessa harkaallee boojuun hin fuudhan; Ani ijoollee tee hin oolcha. Worra garaa sitti jabaatan akka foon ufii nyaatan godha; akka nama daadhii woyini'ii dhugee machaayuutitti akka dhiiga ufii dhuganii machaayan godha; sababaa kanaaf baniin adunya'aa maruu akka ani Waaqa jabaa Israa'eliitii fi akka ani Rabbii fayyisaa si oolchu ta'e beekan» Rabbi akkana jedha, «akkuma abbaan manaa haadha manaa ufii hiikee ari'u Ani banii kiyya isin waan ari'e seetanii? yoo akkas ta'e woraqaan hiikka'aa meeti? akkuma namni huunjoo uf irraa qabuuf jedhee ijoollee ufii garbumma'atti gurguratu, ani waan isin gurguradhe seetanii? yoo akkas ta'e liqaa eennuutiif isin gurguradhe? isin sababaa cubbu'uutiif booji'amtan; wonti baqattaniif yakka ufii hojjattaniif. «Ani hennaa dhufe maaf nama dhabe? hennaa waamu maaf ka na jalaa awwaatu dhabe? harki kiyya gabaabbatee isin oolchuu dadhabee? Ani fayyisu'uuf hunna hin qabuu? Ani xixee galaana gossa; laggiin lafa gammoojji'ii taasisa; qurxummiin isaanii bisaan dhabanii dhumanii ajaayan. Samiiwwan hin dukkaneessa; golgi isaanii uffata gaddaa fakkaata. Worra dadhaban jajjabeessuu akka beekuuf Rabbi Gooftaan arraba hayyumma'aa naa kenneera; Ganama maraa hirribaa na dammassa; akka barata'aatitti akka caqasuuf gurra naa bana. Rabbi Gooftaan hubbannaa naa kenneera; anillee nama hamaa ta'ee isa irraa hin fagaanne. Worra na dhaananiif dirra, worra areeda kiyya buqqisanitti boqoo kennadhe; worra na arrabsanii fi worra natti tufu jalaa fuula kiyya hin dhoogganne. Rabbi Gooftaan waan na gargaaruuf ani hin salphanne; akka dhagaa qarsa'aatitti uf jabeesse; ani akka hin salphanne hin beeka. Rabbiin naa murteessu natti dhiyoo waan jiruuf; eentu naan morma? ka na himatu yoo jiraate wol afoo dhaabannaa; mee na haa mooyatuu. Rabbi Gooftaan na gargaaraa; eentu natti murteessa; worri na himatan akka uffataatitti moofan; rimmatu isaan fixa. Isin keessaa namni Rabbiin sodaatuu fi ka dubbii tajaajilaa isaatiif ajajamu eennu? namni ifa hin qabne ka dukkana keessa jiraatu Rabbiin haa hedatuu; Waaqa ufii haa amanuu. Isin maruu worra nama irratti qaaqa akka ibiddaa bobeessitanii fi worra shawaa irratti ibidda qabsiiftanii nama gubdan; arrabuma ibiddaa ka bobeessitanii fi shawama qabsiiftan saniin baddan; adabbii kana anumatu isin adaba. Rabbi akkana jedha, «Worri anaa fi balchummaa soxxan na dhagayaa'a; gara dhagaa irraa argamtaniitii fi gara boolla keessaa baatanii laalaa'a. Gara Abrahaamii abbaa keessaniitii fi gara Saaraa isin deettee laalaa'a; ani hennaa Abrahaamiin waamu inni ilma hin qabu ture; ani garuu isa eebbisee; fiixaa isaa baay'ise. «Ani Rabbi Tsiyooniin hin jajjabeessa; lafa isi'ii ta ona taate akka lafa jeennataa, lafa isi'ii ta gammoojji'ii akka laliftu taasisa; isii keessa qanani'ii fi gammachu'utu jira; laagaan faaruu galataallee isii keessaa dhagayama. «Banii kiyya! dhagayaa'a! waan ani isiniin jedhu caqasaa'a; seerri na biraa baya; murtiin kiyyallee banii maraafuu ifa ta'a. Ani daddafee dhufee isaan oolcha; hennaan ani dimmaa mooyadhu hin dhufa; hunna kiyyaan banii maraa bulcha; baniin biyya galaanaan marfamte keessa jiraatan abdi'iin na eeggatan; hunna kiyyallee hin hedatan. Ol jedha'aa gara samiiwwanii, gad jedha'aa ardiillee laalaa'a; samiiwwan akka aaraatitti bittinnaayanii badan; ardiin akka uffataatitti moofti; worri isii irra jiraatu maruu akka tiisisaatitti du'an; ani garuu baraa haga bara baraa fayyisa; balchummaan kiyya dhuma hin qabu. Isin worri waan sirrii ta'e beettanii fi namoonni seerri kiyya onnee keessan keessa jiru na dhagayaa'a; dhaadhessaa namootaa hin sodaatinaa'a; arraba isaaniitiifillee hin nayinaa'a. Isaan akka uffata rimmi nyaateetii fi akka woyaa fuutta'aa ka raammoon nyaatuu ta'an; ani garuu baraa haga bara baraa oolcha; oolchuun kiyya dhalootaa gara dhalootaa lufa» Yaa Rabbi! ka'ii hunna kee mudhisi! akkuma dur dhaloota bara sanii keessatti goote ka'i; jawwee galaana keessaa ka Ra'aab jedhamu ka kukkutee butuche si'i. Worri ati oolchite akka ceeyaniif bisaan galaanaatii fi xiillaa gossee ka karaa isaanii baase si'i. Kanaafuu Rabbi worri ati oolchite faarfata'aa gara Yerusaalemii dacha'an; baraa haga bara baraa gammadan; usheexxanii gammada'aa jiraatan; gaddaa fi booyichi isaan irra hin jiru. Rabbi akkana jedha, «ka isin jajjabeessu ana; eeganaa nama akka margaa quuruu fi du'u maaf sodaattan? Rabbii uumaa keessan ka samiiwwan diriirsee fi ka ardiillee badhise irraanfattaniirtan; sababaa worra isin miidhuu fi isin balleessuutiif sodaata'aa jiraattan; worri isiniin lolu meeti? Worri mana hidha'aa keessa jiran nyaata dhabanii du'anii hin awwaalaman; mana hidha'aa keessaa daddafanii bayan. «Ani Rabbi Waandhi keessan akka dambalii huursuutitti galaana sochoosa; maqaan kiyya Waaqa banii maraati. Dubbii kiyya arraba kee irra kaaya; gaaddisa harka kiyyaa jalatti si golga; ka samiiwwaan badhise; ka ardiillee diriirse ana; Tsiyooniin ‹Ati banii kiyya› jedha. Ati Yerusaalem ta Rabbiin harkaa mijuu lola Rabbii kobbee guddaa ka nama gatantarsu keessaa dhuddee coongifte dammaqi; ka'ii dhaabadhu! Ka si masakku sirima hin jiru; ijoollee ufii deettee fi ta guddifatte maraa keessaallee harka kee qabee ka si masakku hin argamne. Badiinii fi diiggamuun, lolaa fi beelli kunniin lamaanuu si irra gayeera; eentu si woliin gadda? eentu si jajjabeessa? Ijoolleen tee akkuma borofa siiboon qabee, karama marattuu gatantaranii kufaniiran; lollinii fi adabbiin Rabbii Waaqa keetii isaan irratti bu'eera. Kanaafuu isin worri daadhii woyini'ii uduu hin taane rakkinnaan machooftan waan kana dhagayaa'a. Rabbi Gooftaan Waandhi keessan ka waamsa bani'ii dhagayu «mijuu rakkinnaa ka akka nama machaaye gatantarsu isin irraa kaaseera; ammaa achi ani lola kiyya gudda'aan isiniin hin lolu. Ani worra mijuu rakkinnaa ka ‹gad jedhi dudda kee irra deemnaa› siin jedhanii fi namoota si rakkisaniin lola; ati akka isaan si irra deemaniif dudda kee akka lafa karaa namni irra deemuu isaanii goote.» Tsiyoon! dammaqi; ka'i! hunna kee akka uffataatitti uffadhu! Yerusaalem qachaa woyyittii! uffata kee ka qandhafaa uffadhu; ammaa achi namoonni hin gadoomne; worri hin gadoomnee fi worri seeraan uf hin qulqulleessine dallawa kee keessa hin seenan. Ati Yerusaalemii booji'amte! ka'ii daaraa uf irraa hargufi; teessoo ulfinnaa irra taa'i; isinillee worri Tsiyoonii ka booji'amtan! haada sibiilaa ka hidhamtaniin morma keessan irraa hiikkadhaa'a. Rabbi banii ufiitiin, «gatii malee garbumma'atti gurguramtanii turtan; gatii malee deebitan. Armaan dura fedhuma keessaniin gara biyya Misirii baqattanii jiraata'aa turtan; worri Sooriya'aa garuu uduu womaa hin kaffalle isin booji'anii guddisanii isin rakkisa'aa isin bulchan.» «Ani uduu baniin kiyya gatii malee fudhatamu arga'aa wonti ani godhu maaltu jira? worri isaan bulchu isaanitti baldan; hennaa maraa maqaa kiyya arrabsan. Kanaaf hennaa san baniin kiyya akka ani Rabbiin ta'e, ka waan kana godhullee akka ana ta'e beekan» Namni gaarran irratti waan nagayaatii fi waan fayyumma'aa dubbatu; ka oduu nagayaa labsu; ka Tsiyoonitti «Waandhi kee hin mooya!» jedhee himu lutti isaa attam bareeda! Hennaa Rabbi gara Tsiyoonii deebi'u addaataa waan arganiif hennaa worri qachaa tee eegan laagaa ufii ol qabatanii faaruu gammachu'uu faarfatan dhagayi. Rabbi banii ufii hin jajjabeessa; Yerusaalemiin hin oolcha; kanaafuu isin worri Yerusaalemiin jalaa diiggamtan! tokkumma'aan gammada'aa faarfadhaa'a. Rabbi banii marattuu hunna ufii mudhisa; adunyaan maruu oolchuu isaa argiti. Isin worri miya woyyuu mana woyyu'uu baadhattan! Baabilooniin keessaa bayaa'a; isii irraa fooyamaa'a; waan battii hin tuqinaa'a; isii keessaa baya'aa uf qulqulleessaa'a. Rabbi waan isin afoo deema'aa isin masakkuuf, Waandhi Israa'elii duubaanillee waan isin eeguuf hennaa baatan ariiti'iin dheessitanii hin bayinaa'a. Rabbi akkana jedha, «hujiin tajaajilaan kiyya hojjatu maruu hin qajeelaaf; ulfinni isaa gudda'a. Waan nama maraa caalaa nafti isaa miidhameeruuf namoonni hedduu akka fuulli isaa bade arganii nayan. Baniin hedduu waan duraan isaanitti hin himamne waan arganii fi waan hin dhageenne waan hubataniif waan tajaajilaa kiyyaa maalalfatan; mootonnillee isa maalalfatanii waan jedhan dhaban.» Baniinillee akkana jedhanii deebisan, «Waan nu dubbannu eentu amana? irreen Rabbii eennutti mudhate? Tajaajilaan kiyya akkuma hiddaa fi biqila lafa gogaa irratti biqiluutitti guddate; nu akka isa hin laalleef inni bareeddinnaa fi gaachena hin qabu; nu isa jaalachu'uuf bareeddinnaa fi gaachena hin qabu. Inni nama namoonni biraa tuffatee fi jibbe; inni nama gaddaatii fi ka rakkinnaati; inni ka namoonni tuffatanii irraa goraanii fi ka nullee isa hin kabajjine. Inni dhugamaan dhibee keenna ufitti fuudhate; dhukkuba keennallee nu irraa baadhate; nu garuu akka waan Rabbi dhayee kuffisee madeesseetitti isa laalle. Inni garuu balleessaa keennaaf woraannamee madaaye; yakka keennaaf butute; nu'u adabamu'uu fi madaayuu isaatiin fayyine. Nu maruu akkuma hoolotaa gar gar facaanee karama ufii feene deema'aa turre; Rabbi garuu yakka keenna maraa isa irra kaaye. Miidha'aa fi rakko'otu isa irra gaye; inni garuu womaa hin dubbanne; akkuma hoolaan hennaa rifeensa irraa haadan cadhiftuutii fi akkuma ilmoon korbeessaa ta hoola'aa hennaa qalmaaf qabatanii deeman cadhiftuutitti innillee uduu womaa hin dubbanne cadhise. Murtii qajeelaa hin taane itti murteessanii qabanii deemaniin; waan inni durana ta'u eentu hubatuu danda'a? inni yakka banii kiyyaatiif dhayame; adunyaa namni irra jiraatu irraa dhabame. Hammeenna tokkollee uduu hin hojjanne; arraba ufiitiin uduu soba hin dubbanne, duuti isaa worra yakka hojjate woliin ta'ee, awwaala dureessaa keessatti awwaalame» jedha'aa deebisan. Rabbi akkana jedha, «Garuu akka inni guddisee miidhamee bututu ka godhe ana; inni hennaa lubbuu ufii sababaa yakkaatiif ciincaa godhee dhiyeessu barri isaa dheeratee fiixaa ufii arga; karaa isaatiin fedhiin kiyya raawwatama. Tajaajilaan kiyya balchaan rakko'oon maayessa ifa jireennaa argee dheebuu baya; beekkumsa ufiitiin namoota hedduu qajeelcha; yakka isaaniillee hin baadhata. Lubbuu ufii du'aaf kenne; worra waan hamaa hojjateen wolitti laakkayame; inni garuu cubbuu nama maraa fudhate; worra cubbamtootaa bakka bu'ee Waaqa kadhate; kanaafuu ani akka inni worra jajjaba'aa fi gugurdaa woliin boojuu qoodamu godha.» Rabbi akkana jedha, «Ati Yerusaalemii dhabduu deettee hin beenne faarfadhu; ta ciniinsifattee hin beenne gammadii ililfadhu! dubartii abbaa worraa qabdu caalaa si'ii abbaa manaa hin qabnee ijoolleen baay'atteertii! Hulee daasee dhaabdee keessa jiraattu badhifadhu; golga kee maraa hin dhiphisinii badhisi; haada kee maraa dheerefadhu; xiribbaa kee maraa jabeeffadhu. Bita'aa fi mirgaanillee hin badhatta; fiixaan keellee mootota dhaalan; qachaa diiggamte keessa jiraatan. Hin saalfattuu hin sodaatin; saalfachuu bara ijoollumma'aa hin irraanfatta; arraba maqaa haadha hiyyeessaatiin si arrabsan hin irraanfatta. Wonti kun ta'uuf Rabbi Waandhi banii maraa akka abbaa manaa waan sii ta'uu fi woyyichi Israa'elii ka ‹Waaqa ardii maraa› jedhamee waamamu waan fayyisaa kee ta'eef. Ati akka dubartii ijoollumma'atti heerumtee gatamtee abbaa manaa jalaa baatee gadditeeti; Rabbi Waandhi kee garuu deebi'ee dhufee ufitti si waamee akkana siin jedha. Ani hennaa hago'oof si dhiisee ture; garuu garalaafummaa gudda'aan si deebifadha. Ani waan guddisee aareef hennaa diqqo'oof si dhiisee ture; ani garuu jaalala kiyya ka dhuma hin qabneen garaa sii laafa jedha Rabbiin si oolchu. Akkuma bara Noohii ardii bisaaniin hin balleessu jedhee waadaa gale; akkasuma ani amma ‹siinillee hin lolu› jedhee waadaa sii gala; ammaa achi si hin adabu. Gaarranii fi tulloonni raafamanii jiguu danda'an; jaalalli ani sii qabu garuu baraa haga bara baraa jabaatee jiraata; jecha kiyya ka nagayaatii fi ka abdi'ii baraa haga bara baraa sii eega; jedha Rabbiin garaa sii laafu. Rabbi akkana jedha, «Ati qachaan Yerusaalemii ta rakkatte, ta bubbe'een raafamtee fi ta jajjabaachuu dadhabde! Ani dhagaa gatii gudda'aa ka sanpeer jedhamuun si ijaara; bu'uura kee dhagaa bareeda cuquliisaan jalqaba. Fiixxee dallawwan keetii dhagaa diimaa maraagid jedhamuun, balballan dallawa keetii mi'a calanqisaa gatii gudda'aatiin dallawa naannaya kee jiru maraa dhagaa gatii gudda'aatiin ijaara. Ijoolleen tee maruu Rabbiin irraa baratan; nageenni ijoollee teetii guutuu ta'a. Ati haqaa fi dhugaa irratti hundoofta; miidhamuunii fi hucuucamuun si irraa fagaata; wonti si sodaachisu hin jiru; ati hin raafamtu hin shibbirooftu. Worri balaa si irra geessu'uuf ka'an yoo jiraatan, waan ani isaan hin ergineef hin kufan. Nama sibiila tumu ka buufa'aan ibidda bobeessee sibiila bassuu ka uume ana; inni wonti meeshaa san hojjatuuf akka meeshaan sun waan hojjatameefiif ooluuf; akka balleessuuf ka balleessu san ka uume anuma. Meeshaan siin balleessu'uuf hojjatame si hin balleessu; worra si himatu maraafuu deebii gayaa deebifta; gayeen tajaajiltoota tiyyaatii fi murtiin ani isaanii murteessu kana» jedha Rabbi. Rabbi akkana jedha, «Isin worri dheebottan maruu gara bisaanii koottaa'a! worri waan bitattaniin hin qabne bitadha'aa nyaadhaa'a! kootta'aa gatii malee aannanii fi daadhii woyini'ii bitadhaa'a. Nyaata bu'aa hin qabneef maaf horii keessan baaftan? waan hin quubsinetti maaf hunna keessan fixxan? amma seeraan na caqasa'aatii nyaata mishaa nyaadhaa'a; nyaata filatameen uf gammachiisaa'a. «Gurra keessan gara kiyya qaba'aa natti dhiyaadhaa'a; lubbu'uun jiraachu'uuf dubbii kiyya caqasaa'a; akkuma Daawitiin jaaladhe isinillee amanamumma'aan jaalachu'uuf baraa haga bara baraa waadaa isinii gala. Ani isa banii maraafuu ragaa'a, masakka'aa fi bulchaa taasiseera. Ani Rabbi woyyichi Waandhi Israa'elii waan si kabajjeef ati banii hin beenne waamta; baniin si hin beennellee ariifata'aa gara kee dhufan.» Rabbiin hennaa inni argamutti soqaa'a; hennaa inni dhiyaate waamaa'a. Hammeeyyiin hammeenna ufii, cubbamtoonnillee yaada hamaa ufii haa dhiisanii; araarri isaa guddaa waan ta'ee fi akka inni isaanii dhiisuuf, gara Rabbii Waaqa keennaa haa deebi'anii. Rabbi akkana jedha, «yaanni kiyya akka yaada keessanii, karaan kiyyallee akka karaa keessaniitii miti. Akkuma samiin ardii irraa ol fagaatu, karaan kiyya karaa keessan irraa, yaanni kiyyallee yaada keessan irraa guddisee fago'o. Akkuma roobninii fi baradaan didiqqaan sami'ii bu'ee lafa jiisee quubsee akka daraaraa biqilchitu taasisu nama sanyii facaasuu sanyii'i, ka waa nyaatuuf nyaata uduu hin kennine hin hafne, Dubbiin afaan kiyyaa bawullee akkasuma ta'a; inni waan ani ergeef uduu hin goonee fi ergaa kiyyallee uduu hin raawwanne gara kiyya hin deebi'u. Isinillee biyya Baabiloonii keessaa gammachu'uun baatanii gara biyya keessanii nagayaan akka deebitan isin taasisa; gaarranii fi tulloonni isin afo'otti utaala'aa faarfatan; mukkiin raasa'aallee harka dhayan. Bikka qore'ee birbirsa; bikka qummuuddu'uu hadheessa'atu biqila; kun malkata Rabbiin itti yaadatan ka baraa haga bara baraa hin banne ta'a.» Rabbi banii ufiitiin akkana jedha, «Hennaan ani fayyisu waan dhufuu fi hennaan ani banii kiyya hambisu waan dhiyaateef haqa eeggadhaa'a; waan qajeelaallee hojjadhaa'a. Namni waan kana godhu ka jabeessee qabatu ka Sambata hin diinnee fi ka harka ufii waan hamaa hojjachuu irraa dhooggu ka eebbaati.» Namni ormaa ka Rabbitti dhiyaate «Rabbi banii ufii irraa na fooya» jedhee hin yaadin; namni uumamaan uumatuu hin dandeenne finna uumachuu dhabuu ufiitiin «ani akka muka goga'aati» ufiin hin jedhin. Rabbi «worra uumamaan uumatuu hin dandeenne ka sambata kiyya eegan, ka waan ani jaaladhu filatanii fi ka waadaa kiyya eegu'uun jabaatan, Ani mana woyyuu kiyyaa fi dallawa kiyya keessatti maqaa ijoollee dhiiraatii fi intalaa ittiin qaabatamtu caalaa isinii kenna; maqaa bara baraa ka hin banne isinii kenna.» Worra biyya ormaatii dhufanii Rabbiin jaalatanii isatti dhiyaatanii fi isaa hojjatan, worra Sambata isaa uduu hin diinne ka dubbii waada'aa eeganiin, Rabbi «Ani isaan gara gaara woyyuu kiyyaa fidee mana kiyya ka faate'ee keessatti akka gammadan isaan taasisa; ciincaa hulee ciinca'aa kiyya irratti naa dhiyeessanii fi ciincaa biraallee ka isaan naa dhiyeessan isaan irraa fudhadha; wonti ani waan kana godhuuf manni kiyya mana baniin maruu keessatti faateffatu jedhamee waan waamamuuf.» Rabbi Waandhi banii Israa'elii ka hulee isaan itti bittinnaayanii isaan deebisu «worra wol gaye kanaan alatti worra biraallee isaanitti makee dachaasa» jedha. Baniin biyya ormaa akka busaaya'aa burraaqa'aa banii liqimsu'uuf akka dhufan Rabbi isaan ajajeera; Rabbi akkana jedha, «Worri Israa'eliin masakku balla'a; isaan maruu beekkumsa hin qaban; isaan akka sariin ciisanii, muganii, eebjotaniitii fi ka dutuu hin dandeenneeti. Isaan akka sariin waa nyaattee hin quufneeti; isaan tissee hubannaa hin qabne; isaan maruu karaa ufii fedhan deeman; maruu faayidaa ufiitiif fiigan. Isaan, ‹koottaa daadhii woyinii ka baye sondhee dhunnee quufnaa! boru akkuma adhaa ta'aa; sirimaa ka kana caalu ta'aa!› jedhan!» Hennaa balchoonni du'an isaan maaf akka du'an namni hubatu hin jiru; namoonni mimmishaan hennaa du'an akka Waandhi waan hamaa jalaa isaan oolchu'uuf fudhate namni hubatu hin jiru. Worri jireenna balchumma'aa jiraatan nagaya qaban; duuti isaaniillee du'a nagayaati. Isin worri worra asmaa hojjatu, worra seebaruu fi worra sagaagalu hin geenne garuu as dhiyaadhaa'a! Isin worri balditan eennutti afaan bana'aa arraba baaftan? isin ijoollee dharaatii fi hammeennaatii mii? Isin worra qilxuu jiddu'uu fi mukkiin lalise jalatti fedha fooniitiin gubattan akkasuma dhooqa keessaa fi dhagaa gugurdaa jiddu'utti ijoollee teessan qalmaaf dhiyeessitan. Dhooqa keessaa dhagaa mimmishaa filattanii kunniin waaqa tolfamaa keenna jedha'aa kennaa nyaataatii fi ka dhuddo'oo isaanii dhiyeessitan; ani waan kanaaf hin aaruu? Fiixxee gaara dheera'aa gubba'atti seebaru'uu fi ciincaa dhiyeessu'uuf ol baatan. Balbala keessanii fi qasatoo duubaan fakii waaqa tolfamaa keessanii dhaabdaniirtan; na dhiiftanii seebaru'uuf siree keessan irra baataniirtan; seebaraaf gatii wolii galtanii fedha foon keessanii raawwattan. Waan urgaawu dibattanii ergamtoota keessan gara biyya fago'oo waaqa tolfamaa Mooleek jedhamu haa soqani'iif gara worra du'anii ergitaniirtan. Guddiftanii waan raantoftaniif hin dadhabdan; ta'ullee isin waan fedha keessaniin guddiftanii kakkaataniif «waan barbaachisuu miti» jettanii hin dhiifne. «Ana yaaduu dhiiftanii wonti soba dubbattaniif eennuun sodaattaniiti? wonti na sodaachuu diddaniif waan hennaa heddu isinitti cadhisee akka waan hin arginee ta'eefii? Ani hujii keessan ka isin sirri'i jettanii yaaddan maraa ifa baasa; waaqoleen tolfamaan keessan isin gargaaruu hin danda'an. Mee hennaa isin gargaarsa argachu'uuf iyyitan waaqoleen tolfamaan keessan ka isin wolitti qabdan isin haa oolchanii isaan qilleensatu balleessa; bubbeen isaan fudhata; nama na abdatu garuu lafti tiyya ta isaa taati; gaara kiyya woyyuullee ka ufii taasifata.» Rabbi akkana jedha, «karaa baniin kiyya irra deemu maraa haxaaya'aa sirreessaa'a!» Woyyichi baraa haga bara baraa jiraatu, ka maraa caalu, «Ani hulee woyyu'uu fi hulee ol aanu akkasuma worra gara laafeyyi'ii fi worra kasoo woliin jiraadha; wonti isaan woliin jiraadhuuf garaan isaanii ka gadde haarawoomsu'uu fi akka isaan kasoo ta'an godhu'uuf. Ani hennaa maraa nama hin ujulu, hennaa maraa hin aaru, uduu ka akkana godhuutii silaa namoonni ani uume hin dadhaban. Sababaa hammeenna luquna isaaniitiif isaaniin lolee ture; akkasuma ani isaan adabee isaan irraa fooyamee ture; isaan garuu garuma karaa ufii deebi'an. Ani hujii isaanii maraa argeera; garuu isaanii araaramee isaan fayyisa; ani worra isaanii fi waan isaaniitiif booyan maraa hin jajjabeessa. Worra fago'oo fi dhiyoo jiran maraaf nageenni haa ta'u! Ani banii kiyya hin fayyisa. Namoonni hammeeyyiin garuu akka galaana raafamuuti; bisaan xuri'ii fi huura bulbulee baasa malee hin dhiisu. Waandhi kiyya «Hammeeyyiin nagaya hin qaban» jedha. Rabbi akkana jedha, «Uf hin qusatinii akka xurumba'aa laagaa kee ol qabadhuu iyyi! banii kiyya Israa'elitti hammeenna isaaniitii fi cubbuu isaanii himi. Isaan hennaa maraa na arguu barbaadan; karaa kiyya beekuu barbaadan; isaan hennaa maraa akka waan qajeellummaa kiyya raawwataniitii fi akka banii ajaja Waaqa isaanii hin dhiifneetitti murtii qajeelaa na kadhatan; gara ana Waaqa isaanii dhiyaachu'utti gammadan.» Baniin «Nu hin soomna ati garuu nu hin laaltu; yoo ati ka nu hin laalle ta'e nu maaf si afo'otti gad uf deebifna ree?» jedhan. Rabbi akkana jedha, «Isin hennaa soomtan fedha onnee keessanii raawwattan, hojjattoota keessan hin miitan. Soomaan maayessa isin waan wol lola'aa gadoo taataniif garaa jabaattanii tontoommo'oon wol dhooftan; soomni waan kanniin godha'aa soomtan akka faateen teessan isinii dhagayamtu hin godhu. Isin hennaa soomtan uf miitan; isin akka leemman quureetitti gad dachaatan; daaraa ufitti firfirsitanii, uffata gaddaa afattanii raftanii? soomni isin soomtan kanaa? Ani sooma akkanaatitti waan gammadu seetanii? «Soomni ani itti gammadu ka isin haada sibiilaa ka cunqursa'aa kuttanii worra cunqurfaman cunqursaa jalaa akka baaftaniifii mii? Nyaata keessan akka worra beelayanii qooddan, akka hiyyeessa hulee bulu hin qabne bulchitan; worra daare akka uwwiftanii fi akka fira keessan nafaan hin dinneefii mitii? «Yoo waan kana gootan akka biiftuu ganamaa iftan; daddaftanii fayyitan; ka isinii murteessu isin afoo ta'a; ulfinni Rabbii duubaan irkoo isinii ta'a. Achiin maayessa isin na kadhattan; anillee kadhaa keessan isinii dhagaya; gargaarsaaf natti iyyattan anillee isinii jira isiniin jedha; isin qambara rakkinnaa yoo nama irraa kaaftan, dubbii dharaatiif qubaan nama mudhisuu yoo dhiiftan, Nyaata keessan yoo worra beelayanii qooddan, worra rakkatan yoo gargaartan ifti keessan dukkana keessatti ifa; dukkanti keessanillee akka aduu guyya'aatitti ifa. Ani hennaa maraa isin masakka; lafa bonaatittillee fedha keessan guuta; lafee keessan hin jabeessa; isin akka hulee dhaaba bilqiltu'uu ka hennaa maraa bisaan dhuguutii fi akka burqaa bisaanii ka hennaa maraa hin gonnee taatan. Baniin keessan waan kanaan dura diiggame bu'uura waan diiggamee san irratti deebisee ijaara; kanaafuu isin ‹Banii dallawa diiggame deebisee ijaaruu fi manniin diiggame haarawoomsu› jedhamtanii waamamtan.» Rabbi akkana jedha, «Guyyaa Sambataatiin fedha keessan raawwachu'uuf guyyaa kiyya ka woyyoome uduu diiguu baattanii, Sambata kiyya ka nama gammachiisu, guyyaa kiyya guyyaa woyyuu Rabbi woyyoomse yoo jettan, fedha keessaniif hajaa keessan raawwachu'uuf gara ufii feetan deemuu dhiiftanii Sambata kiyya yoo kabajjitan, Ana Rabbitti gammaddan; lafa irratti hulee kabajja'aa irra isin jiraachisa; midhaan lafa abbaa keessan Yaaqoobiin dhaalchise irraa akka nyaattan godha; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Rabbi nama fayyisu'uu fi kadhaa namaa dhagayuu hin dadhabu. Cubbuun keessan isinii fi Rabbiin jidduu waan golgeef cubbuun keessan waan Rabbiin irraa isin fooyeef kadhaan keessan isinii hin dhagayamu. Harki keessan dhiigaan, qubni keessanillee yakkaan battaayeera; afaan keessan soba dubbate; arrabni keessan cubbuu dubbate. Eennullee yoo nama himatu waan dhuga'aa qabatee hin dhufu; gara mana murti'iillee yoo dhaqe amanamaa ta'ee hin dhiyaatu; isaan himannaa sobaa qabatanii dhara dubbatan; dhara yaadan, dhara hojjatan. Isaan kallee bofaa ammatan, isaan haada daarabaaftu'uu fooyan; namni kallee sanniin nyaatu hin du'a; kallee san keessaa buuti'itu baya. Fooyaan daarabaaftu'uu uffata dhayu'uuf hin ta'u; eennullee uffata hin godhatu; hujiin isaanii hujii hama'a; harka ufiitiin yakka hojjatan. Isaan gara hujii hama'aa fiigan; dhiiga nama qulqullu'uu jissu'uuf jarjaran; yaanni isaanii yaada hama'a; hulee gayan marattuu hujiin isaanii waa diigu'uu fi waa balleessu'u; Isaan karaa nagayaa hin beekan; hujiin isaanii haqa hin qabu; jireenna dabaa waan jiraataniif namni akkasitti jiraatu nagaya hin argatu. Baniin akkana jedhan, «Handhi nu irraa fagaate; qajeellummaan nu bira hin jiru; akka ifti nuu ifu barbaanna; garuu wonti maruu dukkana; kanaafuu nu dukkana jaamaa keessa jiraata'aarra. Dukkana keessa malaan deemna; akka waan dimimmisa keessa deema'aarruutitti guyya'aan gufanna; nu worra jajjabaa biratti akka nama du'eeti. Nu maruu akka doobba'aa yuusa'aa akka handari'ii booya'aa gunguma'aa haqaa fi fayyaa argachu'uuf eegganna; isaan garuu waan nu irraa fagaataniif hin argaman. «Yakki keenna si afo'otti guddaa akka ta'e cubbuun nu irra jiru kunuu hin raga; nu hennaa maraa hin yakkina; yakka keennallee hin beenna. Amantii Rabbiin irraa qabnu dhiifnee isa waakkanneerra; Waaqa keenna dhiifnee gara duubaa dachaaneerra; onnee keenna keessatti soba qabannee maqaa namaa balleessu'uu fi gantumma'aan ifa baafneerra. Gumii bani'ii keessaa dhugaan waan dhabamee fi amanamummaanillee waan dhabameef handhi hin jiru; balchummaanillee dhabameera. Dhugaan baddeerti; worri hujii hamaa irraa deebi'u worra kolfaa ta'aniiran; Rabbi akka dhugaan hin jirre argee gaddeera. Namni rakkattoota gargaaru dhabamnaan maalale; kanaafuu isaan fayyisu'uuf hunna ufiitiin akka isaan mootee argatan godhe. Inni balchummaa akka meeshaa woraanaa ka qomatti uffatanii, fayyummaa akka gulloo sibiilaa ka mata'atti godhatanii, worra yakka hojjatan haluu bawuu akka uffataatitti uffata; aariin inni akka kaabba'aatitti uffatullee worra waan hamaa hojjataniif. Mormitoota lolee diintota ufiitii fi worra daangaa lafaa irra jiraatan haluu bayu'uun isaan adaba. Inni akka lolaa bubbeen oofa'aa dhufuu waan ta'eef baniin gara dhiyaatiin jiranii fi baniin gara baya biiftu'uutiin jiran ulfinna maqaa Rabbii sodaatan.» Rabbi banii ufiitiin akkana jedha, «Tsiyoonii fi worra aagii galanii cubbuu irraa deebi'aniillee fayyisaan hin dhufa.» Rabbi akkana jedha, «Waadaan ani isaan woliin galu Hafuurri kiyya ka ammaa jalqabee haga bara baraa isin woliin jiru dubbii kiyya ka afaan keessan keessa kaaye ijoollee teessanii fi ijoollee ijoollee teessanii barsiisaa'a.» Yaa Yerusaalem! ifti kee sii dhufeeraa ka'ii ibsi; ulfinni Rabbii si irratti ifa. Dukkanti lafa, dukkanti jaamaan garuu banii golga; si garuu ulfinni isaa si irratti ifa; ulfinni isaallee si irratti mudhata. Baniin gara ifa keetii, mootonnillee gara ifa barii keetii dhufan. Ol jedhii waan naannaya kee jiru laali! maruu wol gayanii gara kee dhufan; ijoolleen tee ta dhiiraa biyya fago'ootii dhufan; ijoollee tee ta intalaallee worri isaan guddisu harkatti ammatanii sii dhufaniin. Ati hennaa kana argite fuulli kee guddisee ifa; eebbi galaana keessaa argamuu fi qabeenni banii irraa dhufu maruu waan kee ta'uuf argitee gammadda. Gaallan biyya Miidiyaamiitii fi biyya Eefa'aatii dhufan; biyya keessan keessa guutan; worri biyya Saaba'aatii worqi'ii fi hixaana qabatanii dhufan maruu laagaa ufii ol qabatanii Rabbiin galatoonfatan. Tinni hoolotaa ka biyya Qeedaarii maruu gara kee dhufan; korbeeyyiin hoolotaa ta biyya Nabaayootii ciinca'aaf si fayyadan; hulee ciinca'aa irratti ciincaa dhiyeessu'uufillee hin jaalataman; Ani mana kiyya woyyuu kabajjamaa hin bareechisa. Kunniin worri akka duumessaatii fi akka handarii hedduu ka maandhee ufii irra bararanii ta'an eennu fa'a? Rabbi Waandhi woyyichi Israa'elii waan isin kabajjeef, ulfinna isaatiif jedhanii huleen bisaaniin marfamte ijoollee teessan birri'ii fi worqii isaanii woliin biyya fago'ootii fidu'uuf worri markaba oofu ka biyya Tersesiillee na eeggatan. Ani aaree si adabee ture; amma garuu garaa sii laafa; baniin ormaa dallawwan kee sii ijaaran; mootonni isaaniillee sii hojjatan. Qabeenna bani'iitii fi mootota isaanii fidu'uuf balballan kee hin banaman malee hin cufaman. Baniinii fi mootonni si jalatti hin bulle garuu sirima badan. Birbirsi Libaanosi ka biyyaa gaachena ta'an; qaraaru'uu fi hindheessa mana woyyuu kiyyaan midhaassu'uuf gara kee fidan; anillee hulee miilli kiyya ejjatu hin kabajja. Ijoolleen ijoollee worra si miidhanii yoo gara kee dhufan gad jedhanii nagaya si gaafatan; worri si tuffate maruu luka kee jalatti jilbiiffatan; isaan «Tsiyoonii qachaa Rabbii woyyuu Israa'elii» siin jedhan. Ati armaan dura ta jibbamtee fi ta gatamte ta eennullee si keessa hin baane taatullee ta baraa haga bara baraa dhaadataniinii fi ta itti gammadan si taasisa. Akkuma ijoolleen harma haadhaa hootu ijoolleen tee qabeenna bani'iitii fi ka moototaa fudhatanii itti fayyadaman; ati akka ani Rabbi fayyisaa gargaaraa kee ta'ee fi Waaqa Yaaqoobii jabaa akka ta'e beetta. Ani bikka sibiila diima'aa worqii'i, bikka sibiilaa meetii, bikka mukaa sibiila diimaa, bikka dhaga'aa sibiila fida; nageenni akka si masakku; qajeellummaan akka si bulchu sii kenneera. Ammaa achi biyya keetitti laagaan badi'ii, daangaa biyya keetiitittillee hammeenninii fi badiin hin dhagayamu; dallawwan keetiin na oolchitan balballan keetiin galata keessan jettaan. «Ammaa achi guyyaa aduun, halkan addeessi sii hin ifu; garuu Rabbi ifa kee Waandhi kee ulfinna sii ta'a. Rabbi ifa kee ka bara baraa waan sii ta'uuf aduun sitti hin dhiitu; addeessillee ifa ufii si hin dhooggattu; barri rakkinna keetii hin dhaabata. Baniin kee worra balchaa ta'an; biyya kee baraa haga bara baraa dhaalan; akka na galatoonfataniif ka isaan uumee fi ka bakka isaan buusellee ana. Isaan keessaa worri hagoon banii guddaa kumaatamatti laakkayaman qabaatan; isaan keessaa worri dadhabaan jajjabaa ta'an; Ani Rabbi waan kana akka daddafee raawwatu godha.» Hafuurri Rabbii Goofta'aa na irra jira; akka worra miidhamanitti oduu gammachu'uu himu, akka worra onneen isaanii cabe fayyisu worra booji'aman akka bilisa baasu, worri hidhaman akka hiikkaman akka labsuuf Rabbi muudee na erge. Bara araaraa ka Rabbiitii fi guyyaa Waandhi haluu bayu akka labsu, worra boowu maraa akka jajjabeessu. Namoota Tsiyooniin keessaa booyanii bikka daara'aa korbobboo abaabo'oo bikka imimmaan isaanii dhadhaa ejersaa, bikka gaddaa dhadhaa gammachu'uu bikka keessi isaanii gadde uffata ulfinnaa ka galataa akka kennuuf na erge; isaan ulfinna isaa akka mudhisan «Qilxuuwwan balchumma'aa ka Rabbi dhaabe» jedhamanii waamaman. Isaan waan armaan dura diiggame hin ijaaran; waan dura badellee deebisanii midhaassan; qachoota dhaloota maraa keessatti diiggaman hin haarawoomsan. Baniin biyya ormaa horii keessan bobbaasan; lafa keessan isinii qotan; dhaaba woyinii keessaniillee isinii kunuunsan. Isin garuu «Gadoota Rabbiitii fi tajaajiltoota Waaqa keennaa» jedhamtanii waamamtan; qabeenna bani'iitiin gammaddan; durummaa isaaniitiinillee hin kabajjamtan. Waan guddisanii mullaniif, salphinni hiree isaanii akka ta'e waan labsameef wonti isaanii dachaa ta'a; baraa haga bara baraa gammachuu argatan. Ani Rabbi haqa jaaladha; saamichaa fi hujii hammeennaallee hin jibba; gatii isaan barbaachisu isaanii kenna; isaan woliin waadaa bara baraa gala. Ijoolleen isaanii fira ufii biratti, ijoolleen ijoollee isaaniillee banii keessaa worra beekkaman ta'an; worri isaan argu maruu fiixaa ani Rabbi isaan eebbise akka ta'an beekan. Ani Rabbiin gammada; keessi kiyya Waaqa kiyyaan usheexxa; inni akka idaayyaa abaaboo ulfinnaa mataa irra kaayatuu akka idaayyittii faaya gara garaatiin qandhaftee uffata fayyumma'aa natti uwwiseera; uffata balchumma'aa irraan naa dhaye Akkuma lafti waa biqilchitu, akkuma huleen biqiltuu itti dhaaban biqiltuu guddiftu Rabbi Gooftaan keessan akka balchummaanii fi galanni burqu taasisa. Balchummaan isi'ii kennu akka haga lafa bari'uu ifuu fi fayyummaan isi'iillee akka shawaa bobawuu haga ifutti ani waan Tsiyoonii hin cadhisu; waan Yerusaalemiillee hin cadhisu. Baniin balchummaa kee, mootonnillee ulfinna kee hin argan; ati maqaa haarawa Rabbi sitti baasuun waamamta. Ati akka ulfinna bareeda Rabbiin harka jiruutii fi akka gulloo ulfinnaa moototaa ka harka Waaqa keetii jiruu taata. Ati ammaa achi «Ta gatamte» jedhamtee hin waamamtu; lafti teellee «Ona» jedhamtee hin waamamtu; maqaan haarofni ati ittiin waamamtu Rabbi isi'itti gammada! ka jedhu ta'a; biyyi tee ta «abbaa worraa qabdu» jedhamtee waamamti; Rabbi sitti gammada; biyyi tee akka dubartii abbaa worraa qabduu taati. Akkuma ka'imtichi durba idaayyittii fuudhu, Rabbiin si uume akka abbaa worraa sii ta'a; akkuma idaayyichi idaayyitti'itti gammadu, Rabbi sitti gammada. Yerusaalem! Ani worra dallawa kee eegan; ka halkanii fi guyyaa hin cadhifne kaayeera; isin worri Rabbiin kadhattan hara hin baafatinaa'a. Haga inni Yerusaalemiin ijaaruu fi haga inni isin lafa maraa irratti qachaa beekkamtuu taasisutti uduu gar gar hin kunne yaadachiisaa'a. Rabbi hunnaa fi baallii ufiitiin «Ammaa achi midhaan kee akka diintonni nyaatan hin godhu; daadhii woyini'ii kee haarawa ka ati itti dadhabde ormi akka dhugu hin godhu. Midhaan ufumaa gootara'atti galfatan nyaatanii ana Rabbiin galatoonfatan; gaalee hurbu'uu daadhii woyini'ii ka ufumaa wolitti qabatan gumii woyyuu keessatti ufumaa dhugan. Karaa balbala dallawaatiin lufaa'a; namootaaf karaa qopheessaa'a; karaa badhaa baasaa'a; dhagaa karaa irraa dhooggaa'a; malkata ol qaba'aa bani'itti mudhisaa'a. Rabbi, «Adunyaa marattuu fayyisaan kee hin dhufa; gatiinii fi badhaafni namootaa kennu isa woliin jira; jedha'aatii intala Tsiyooniititti himaa'a» jedhee labsa. Baniin, «Worra woyyoomee fi worra Rabbi hambise» jedhamanii waamaman; atillee Yerusaalem «Qachaa barbaadamtuu fi ta hin gatamne» jedhamtee waamamta. Ka Bootsiraa biyya Edomiyaasiitii uffata diimaa uffatee dhufa'aaru kun eennu? ka hunna ufii gudda'aan uffata maalale'ee uffatee deemu kun eennu? «Ka murtii kennu, ka hunna fayyumma'aa qabu ana Rabbi.» Akka nama daraaraa daadhii woyini'ii cuunfee baasuutitti uffanni kee maaf diimate? Rabbi akkana jedhee deebisa, «Ani hojjuma kiyya orma maraa akka woyini'iititti irra ejjadhe; hennaa ani waan kana godhu banii keessaa ka na woliin ture hin jiru; ani aaree isaan irra ejjadhe; lola kiyyaan isaan butuche; dhiinni isaanii uffatatti na faca'e. Ani haluu bayu'uuf murteeffadheera; hennaan banii kiyya oolchullee gayeera. Hennaa naannaya kiyya laalu ka gargaaru eennullee hin jiru; ka gargaaru waan hin jirreef guddisee maalalfadhe; kanaaf ani lola kiyya gudda'aan mootee fide. Ani lola kiyyaan isaan kuffisee lafatti isaan eda'e; lolli kiyya guddaan akka isaanitti dhagayamu godhee dhiiga isaaniillee lafatti jisse» Ani waan inni nuu godhe maraafuu, yaada mishaa araara ufiitiin inni banii Israa'eliitii godhee fi waan jaalala isaa ka baraa haga bara baraatii fi waan hujii isaa ka eebbaa arjummaa Rabbii ka haga hin qabnee ibsee dubbadha. Rabbi, «Dhugamaan isaan worra kiyyaa fi ijoollee tiyya ta hin sobne» jedhe. Inni fayyisaa isaanii ta'e. Inni ka hennaa rakkinna isaanii maraa isaan oolche; ergamaa yookaan maleekkaa ergee uduu hin taane ufumaa jidduu isaaniititti argamee jaalalaa fi gara laafummaa ufiitiin isaan oolche; inni duruma irraa jalqabee isaan baadhate. Isaan garuu Hafuura isaa woyyuu gaddisiisan; kanaaf inni isaanitti ka'ee isaan adabe. Kanaan maayessa bara Muusee tajaajilaa Rabbii yaadachuu jalqaban; Rabbiin tissee hori'ii woliin galaana keessaa baase meeti? Rabbiin Hafuura woyyuu isaan keessa kaaye meeti? Akka maqaan isaa ka bara baraa waamamuuf isaan afo'oo bisaan gar gar kute, ka ulfinna qabu, ka hunni isaa akka harka Muuse'eetiin deemu godhe eessa jira? Hennaa galaana xiillaa keessa deeman akka womaa hin gufanne akka farda lafa diriiraa irra deemuu isaan taasise. Akkuma gobbuu hori'ii ka dhooqa keessa yaa'uu Hafuurri Rabbii hara isaan baafachiise; akka maqaan kee kabajjamuuf akkaataa kanaan banii kee masakkite. Yaa Rabbi! Waandhana! hunninii fi hinaaffaan kee meeti? fedhiin kee mishaanii fi gara laafummaan kee meeti? isaan nu irraa fagaataniiran; hulee woyyu'uu fi mana kee kabajjamaa sami'ii irraa gad nu laali. Yoo Abrahaam nu hin beenne, Israa'elillee yoo nu hin hubanne ati abbaa keenna; Waaqa keenna! maqaan kee duruma irraa fayyisaa keenna. Waaqa keenna! maaf akka karaa kee irraa bannu nu goote? akka nu si hin sodaanne maaf garaa nu jabeessite? yabo'oo hojjattoota teetii fi worra gosa kee ta'aniif jedhii nuu deebi'i. Manni kee woyyuun hennaa hago'oof qabeenna banii woyyuu keetii ture; amma garuu diintota teennatu keessa deema. Nu akka worra si jalatti hin bullee fi akka worra maqaa keetiin hin waamamnee haga taane turreerra. Maal qaba uduu samiiwwan bantee buutee! maal qaba uduu gaarranillee si arganii hollatanii! Akkuma ibiddi hennaa bobaye muka gogaa bobeessee barbadaan sun bisaan ibidda irra kaayan danfisu; baniin maruu mudhachuu keetiin akka hollatan gad bu'ii maqaan kee diintota kee jiddu'utti akka beekkamu godhi! Armaan dura dhuftee waan sodaachisaa arginee hin beenne hennaa raawwatte; gaarran si arganii sodaatanii hollatan. Duruma irraa jalqabee Waandhi abdii godhatan, isa hedatan ka baasaa fi maalalee sanniin maraa hojjate si malee ka biraa hin dhagayamne, hin mudhanne, ka hubatellee hin jiru. Ati worra karaa kee hubatanii fedha kee gammachu'uun raawwatan hin gargaarta; hennaa nu fedha kee raawwachuu dinne garuu ati nuun lolte; eeganaa nu attamiin hafuu dandeenna ree? Nu'u maruu cubbu'uun battoofneerra; balchummaan keennallee akka uffata fincaanii fi dhiigaan maanxamee ta'eera; nu'u sababaa cubbuun nutti guddateef akkuma baala gogee qilleensi muka irraa harcaasuu taaneerra. Sababaa cubbuu keennaatiif ati waan fuula kee nu irraa deebifattee fi akka nu yakka keenna jalatti bullu waan nu dhiifteef namni maqaa kee waamuu fi ka si argachu'uuf xaarullee hin jiru. Haa ta'uu ammo Waandhana! ati abbaa keenna; nu'u faara; ati garuu uumaa keenna; nu maruu harka keetiin uumamne. Waandhana! biibboftee nuun hin lolin; baraa haga bara baraa cubbuu keenna nutti hin laakkayin; yabo'oo nu maruu banii keetii nu laali. Qachoonni tee woyyuun lafa onaa ta'aniiran; Tsiyoon gammoojjii taateerti, Yerusaalemillee diiggamtee barbadoofteerti. Manni kee bareedaanii fi woyyuun ta abboonni teenna dur keessatti si galatoonfata'aa turan ibiddaan gubate; wonti nama gammachiisu diiggameera. Waandhana! ati waan kanniin maraan maayessa waan tokko hin gootuu? cadhiftee hunna kee gudda'aan nu adabdaa? Rabbi akkana jedha, «Ani worra gargaarsa na hin gaafannetti mudhadhe, worra na hin sondheef argame; banii maqaa kiyya hin waamneen ‹ani as jira, ani as jira› jedhe. Banii fedha ufii hamaa duukaa bu'a'aa worra karaa qajeelaa irra hin jiraanneef harka kiyya badhise. Namoonni kunniin hulee biqiltuu itti dhaabanitti ciincaa ciincessu'uuf miya faaraa hojjatanii hennaa maraa hixaana aarsa'aa na gaddisiisan. Isaan worra hulee awwaalaa jiraatan, worra hulee dhossa'aa keessa jiraatanii fi worra foon booyye'ee nyaatan; shoorbaan foonii ka battaaye meeshaa isaanii keessa jira. Isaan ‹Nu'u worra woyyuu waan taaneef gara keenna hin dhiyaatinaa'a!› jedhan; wonti kunniin waan dheekkamsa kiyya guddaa akka ibidda guyyaa guutuu bobayuutitti worra bobeessan. Kun maruu na biratti galmaayeera; ani dhugamaan gatii cubbuu keessaniitii fi cubbuu abboota teessanii isinii kaffalu malee hin dhiisu. Rabbi akkana jedha, «Waan isaan gaarran irratti ciincaa dhiyeessanii fi waan maqaa kiyya hin kabajjineef, waan yakka isaaniitii fi waan yakka abboota isaaniitii gatii isaanii maraa isaanii kaffala.» Rabbi akkana jedha, «Daadhiin woyini'ii gaalee woyini'ii irraa waan argamuuf ‹waan eebba qabduuf isiillee hin balleessinaa'a› akkuma jedhamu anillee akkasuma tajaajiltoota kiyyaaf jedhee banii maraa hin balleessu. Yaaqoobiif ijoollee kenna, Yihuudaa nama lafa gaarran kiyyaa dhaalu godha; worri ani filadhe lafa san fudhatan; tajaajiltoonni tiyya achi keessa jiraatan. Worra na soqatan Saarooniin, hulee isaan hoolota itti bobbaafatan; dhooqa Aakoorii garuu hulee horii itti tiffatan godha. Isin worra ana Rabbiin dhiiftanii gaara kiyya woyyuu dagattanii waaqa tolfamaa ‹hiree misha'aa› jedhamuu dhiyana qopheessitan; waaqa tolfamaa ‹Milkii› jedhamuu daadhii woyini'ii xuwwe'etti buuftan. Kanaafuu isin hennaa ani isin waame na jalaa awwaachuu diddanii, hennaa ani isinitti dubbadhe na caqasuu diddanii, anaaf hamaa hojjachuu waan filattaniif hireen keessan nama isin ajjeesu jalatti jilbiiffachu'uun guraade'een du'uu calla'a. Kanaafuu Rabbi Gooftaan akkana jedha, «Tajaajiltoonni tiyya hin nyaatan, isin garuu hin beeloftan, isaan hin dhugan; isin garuu hin dheebottan; tajaajiltoonni tiyya hin gammadan; isin garuu hin saalfattan. Tajaajiltoonni tiyya waan gara'aan gammadaniif hin faarfatan; isin garuu waan gara'aan gadditaniif hin boottan; waan keessi keessan cabeef banne banne jettan. Ani Rabbi Gooftaan du'aaf dabarsee isin kenna; maqaan keessan banii ani filadhe biratti ka abaarame ta'a; tajaajiltoota tiyyaaf garuu maqaa addaa kenna. Waan rakkoon duraanii irraanfatamee ija kiyya afo'oo dhokateef biyya keessatti namni eebba kadhatu ana maqaa Rabbii amanama'aatiin kadhata; biyya keessatti namni kakatullee ana maqaa Rabbii amanama'aatiin kakatan.» Rabbi akkana jedha, «Ani samiiwwan haarawaa fi ardii haarawa uuma; wonti armaan dura ture maruu hin irraanfatama; hin qaabataman. Ani Yerusaalemiin akka gammaddu, baniin isi'iillee akka gammadanii burraaqan waan godhuuf baraa haga bara baraa gammada'aa burraaqaa'a. Ani Yerusaalemii fi banii kiyyatti hin gammada; achiin maayessa booyichaa fi laagaan badi'ii hin jiraatu. Ka daa'imumma'atti du'u sirima hin jiraatu; jaarsi uduu umurii ufii hin fixanne du'u hin jiru; namni umurii woggaa dhibbaatitti du'u akka waan ka'imumma'atti du'eetitti waan laakkayamuuf namni umurii woggaa dhibbaatitti du'u akka waan nama abaarameetitti laakkayama. Baniin kiyya mana ijaaratee keessa jiraata; biqiltuu woyini'iillee dhaabanii daraaraa isaa nyaatan. Mana isaan ijaaratan ka biraa itti hin galu; waan isaan dhaaban maraa ormi hin nyaatu; baniin kiyya akka mukaa umurii dheeraa jiraatan; baniin ani filadhe waan itti dadhabanitti bara dheeraa gammadan. Hujiin isaanii duwwaa hin ta'u; ijoolleen isaaniitii fi ijoolleen ijoollee isaanii waan Rabbi eebbiseef; isaan wonti ijoollee uumataniif akka badiin isaan irra gawuufii miti. Uduu isaan na hin kadhanne ani isaanii deebisa; uduu isaan hin faateffanne isaanii dhagaya. Yeyyiinii fi ilmooleen hoolotaa woliin dheedan; leenci akka sanga'aatitti buraa nyaata; bofni biyyee nyaata; isaan gaara kiyya woyyuu irratti womaa hin miidhan; womaa hin balleessan» ka waan kana dubbate ana Rabbi. Rabbi akkana jedha, «Samiin teessoo kiyya; ardiin ejjata miila kiyyaati; manni isin naa ijaartan mana attamiiti? huleen ani itti hara baafadhu ka attamiiti? Kanniin maraa natu uume; kun maruu kiyya; ani gara nama kaso'oo, gara nama keessi isaa cabee fi gara nama dubbii kiyya sodaatuu laala. Namni sangaa naa qalu akka waan nama ajjeeseeti; namni ciincaa korbeessa hoola'aa naa ciincessu akka nama lum'a saree ufii micciiree cabseeti; namni kennaa midhaanii naa dhiyeessu akka nama dhiiga booyye'ee naa dhiyeessuuti; namni hixaana aarsu akka nama waaqolee tolfamaa waaqeffatuuti; kunniin maruu jireenna waan fedha ufii filatan; lubbuun isaanii waan batti'itti gammada. Hennaa ani isaan waamu waan naa hin deebifneef hennaa ani dubbadhu eennullee waan naa hin dhageenneef, na afo'otti waan badaa waan hojjataniif, waan na hin gammachiifne waan filataniif ani adabbii isaanitti fida. Isin worri dubbii isaa kabajjitan dubbii Rabbii dhagayaa'a; «Worri maqaa kiyyaaf jedhanii isin jibbanii uf irraa isin fageessan mee gammachuu keessan arginaa ‹Ulfinni Rabbii haa mudhatuu› jedhan salphinna san ufumaa irratti kufan. Raafama qachattii keessatti ta'u caqasaa'a; laagaa mana woyyuu keessaallee dhagayaa'a! laagaan kunniin laagaa ani Rabbi diintota kiyyaa gatii adabbii isaan barbaachisu hennaa isaanii kennu dhagayamu.» Tsiyoon akka dubartii uduu hin ciniinsifatin dhukkubbiin ciniinsu'uullee uduu hin dhagayamin ilma deetteeti. Waan akkanaa kana eentu argee dhagayee beeka? dhugamaan biyyi takka guyyaa tokkoon ciniinsifattii? mo'o guyyaa tokkoon baniin marti dhalata? Tsiyoon garuu akkuma ciniinsifatteen ilma deette. Rabbi Waandhi keessan akkana jedha, «Ani Dubartii akka deettu hennaa dawumsa isi'iitiin gaye akka isiin hin deenne godhaa? dubartii ani akka ulfooftu taasise gadaamessa isi'ii cufaa? Worri isii jaalattan maruu Yerusaalemiin woliin gammadaa'a! waan isi'iitiif burraaqaa'a! worri waan isi'iitiif boottan maruu gammadaa'a! Wonti waan kana gootaniif harma isi'ii ka nama jabeessu hootanii akka quuftan, qoma isi'iitii aannan guddaa dhuddanii akka gammaddaniif.» Rabbi akkana jedha, «Qabeenna isi'ii akka bisaan lagaa baay'isa, qabeenna bani'iillee akka burqaa lagaa taasisa; harka isi'ii keessatti ammatamtanii hootan, gudeeda ufii irra isin kaayattee isin kunuunsiti. Akkuma haati finna ufii jajjabeessitu isin jajjabeessa, Yerusaalemiinillee hin jajjabaattan. Hennaa wonti kunniin raawwatamu yoo argitan hin burraaxxan; nafti keessan akka margaatitti lalisa; hunni Rabbii tajaajiltoota isaa woliin; aariin isaa garuu worra isa jibban irra akka ta'u hin beekkama.» Rabbi lola ufii jaba'aan haluu bayu'uu fi arraba ibiddaa ka bobawuun lolu'uuf ibiddaan dhufa; konkolaataan isaa akka bubbe'eeti. Rabbi nama marattuu ibiddaa fi guraade'een murteessa; akkasuma namoota hedduu du'aan adaba. Rabbi akkana jedha, «Worri foon booyye'eetii fi ka hantuutaa, akkasuma namoota waan hamaa battii nyaatan keessaa tokko faanaa deema'aa gara hulee biqiltuu itti dhaabanii deemu'uuf uf fooyaniitii fi adda uf baasan maruu hin badan. Ani hujii isaaniitii fi yaada isaanii waan beekuuf banii afaan gara garaa dubbatan maraa wolitti qaba; isaanillee dhufanii ulfinna kiyya argan. Ani isaan jiddu'utti malkata godha; worra du'a irraa hafan keessaa ani gara worra waan kiyya hin dhageennee, gara worra ulfinna kiyya hin arginee, gara banii gara garaa, gara Tarsesii, gara worra Libaawotaa, gara worra buundhee darbanii, gara worra Liidaawotaa, gara worra Tuubaalii, gara biyya Girikiitii fi gara lafa fagoo bisaaniin marfamtee isaan erga. Isaan obboleewwan keessan maraa gara gaara woyyicha kiyya ka Yerusaalemitti argamuu farado'oon, konkolaataa fardaatiin, gaarii fardaatiin, gaangiinii fi gaallanitti fe'anii biyya gara garaatii akka kenna'aa godhanii Rabbii isin fidan; worri Israa'elii ka isin fidan kennaa midhaanii haalaan meeshaa qulqullu'utti akka mana woyyicha kiyya ka ana Rabbii ta'uu godhanii fidan, ka waan kana dubbate ana Rabbi. Ani isaan keessaa gari garii gadootaa fi Leewwota ta'anii akka na tajaajilan godha. Samiiwwanii fi ardiin ani uumu akkuma anaan jabaatanii jiraatan akkasuma fiixaanii fi maqaan keessan anaan jabaatee jiraata. Ayyaana jalqaba ji'aatii jalqabee haga jalqaba ayyaana ji'a kaaniitii fi sambataa haga sambataa baniin maruu qachattii Yerusaalemii haarawa keessatti naa sagadu'uuf dhufan; ka waan kana dubbate ana Rabbi. «Isaan hennaa bayanii deeman reeffa namoota na irratti ka'anii du'anii argan; raammoon isaan nyaatu hin du'u, ibiddi isaan gubu hin dhaamu, fiixaan nama isaan laaluu maruu isaan jibba.» Ilmi Keliqiya'aa Ermiyaas ka abaan isaa gadoota qachaa Anaatootii biyya Biiniyaamii keessaa tokko ture dubbate akka asii gadii kana; Dubbiin Rabbii ka gara Ermiyaasii dhufe bara ilmi Amootsii Iyyoosiyaas Yihuudaa irratti mooyee woggaa kudha sadeesso'ootitti. Ammallee bara mootiin Yihuuda'aa ilmi Iyyoosiyaasii Iyyoo'aaqeem mooye, akkasuma bara mootiin Yihuuda'aa Sedeqiyaas ilmi Iyyoosiyaasii Yihuudaa irratti mooye haga dhuma woggaa kudha tokkeesso'oo, haga baniin Yerusaalemii booji'amee deemetti, haga ji'a shaneesso'ootitti gara isaa dhufa'aa ture. Dubbiin Rabbii ka akkana jedhutu gara kiyya dhufe, «Ermiyaas! Ani uduu garaa haadha teetii keessatti si hin uumneen dura si beeka; uduu gadaamessa haatetii keessaa hin baane si fooye; bani'ii raagaa taasisee si muudeera.» Ani garuu, «Yaa Rabbi Gooftaa! ani daa'ima waan ta'eef maal akka dubbadhu hin beeku» jedhee deebiseef. Rabbi garuu akkana naan jedhe, ‹Ani daa'ima› ufiin hin jedhin; Gara ani si ergu maraa deemtee waan ani si ajaje maraa dubbatta; ani si oolchu'uuf waan si woliin jiruuf isaan hin sodaatin; ka waan kana dubbate ana Rabbi!» Achiin maayessa Rabbi harka ufii hiixatee afaan kiyya qaqqabee akkana naan jedhe, «Ani dubbii ati dubbattu afaan kee keessa kaayeera. Ati akka buqqiftuu fi akka diidduuf, akka garagalchituu fi akka balleessituuf, akka ijaartuu fi akka dhaabduuf, moototaa fi banii ormaa irratti baallii sii kenneera.» Rabbi Ermiyaasiin, «Maal arga'aarta?» jedhee gaafate; Ermiyaas, «Damee lawuzi'ii arga'aara» jedheen. Rabbillee, «Waan sirrii ta'e argite; anillee attamitti akka inni itti raawwatamu xiinxallee laala» naan jedhe. Rabbi deebisee, «Wonti biraa ka ati laala'aartu maali'i?» jedhee na gaafate. Anillee «Gara cinaa kaabaatiin ottee danfa'aartu ta garana dabdeertu takka arga'aara» jedhee deebiseef. Rabbi akkana naan jedhe, «Badiin gara kaabaatii akka bisaan danfeetitti worra biyya tana keessa jiraatan irra gara gala» naan jedhe. Ani banii gara kaabaatiin jiraatan akka garana dhufan waama; isaan qachoota Yerusaalemiitii fi naannaya Yihuuda'aa jiran maraa irratti balaa buusanii qabatan; achiin maayessa seensa balbala Yerusaalemii teessoo ufii kaayatan. Waan hammeenna isaanii maraaf, na dhiisanii waaqolee tolfamaa biraatii waan hixaana aarsanii fi hujii harka ufiitiillee waan sagadaniif isaan adaba. Kanaafuu ati mudhii kee hidhadhuu ka'ii waan ani si ajaje maraa isaanitti himi; gara isaanii dhaquu hin sodaatin; yoo isaan sodaatte akka ati isaan caalaa sodaataa taatu si taasisa. Ermiyaas! na dhagayi; baniin lafa irra jiraatu maruu mootonni Yihuuda'aa ka baallii qaban, baniinii fi gadoonni uduu hin hafin diina kee ta'anii si irratti ka'an; Isaan siin lolan; ani garuu hunnaa fi jabeenna isaan uf irraa ittiftuun sii kenna; akka qachaa eeddoo qabduutitti, akka utubaa sibiilaatii fi akka kaloo sibiila jaba'aan ijaaramee si taasiseera; ani si woliin ta'ee si tissa'aa waan si irraa ittisuuf isaan sirima si mooyatuu hin danda'an; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Dubbiin Rabbii akkasuma ammallee ka akkana jedhutu gara kiyya dhufe; «Dhaqii banii Yerusaalemiitiin ‹Isin armaan dura gammoojjii womaa keessatti hin margine keessatti na duukaa deema'aa turtan; hennaa san akkuma idaayyittiin idaayya'aaf jaalalaa fi amanamummaa mishaa mudhisan akkasuma isinillee natti mudhisa'aa akka turtan hin qaabadha. Yaa Israa'el! Ati anaaf akka callaa jalqabaa ka filatamee turte; ati lafa naaf woyyoomte turte; kanaaf worra si miidhuu barbaadan maraa irratti rakkinnaa fi balaa fide› ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Isin baniin gosa Israa'elii; worri ijoollee Yaaqoobii taatan maruu! dubbii Rabbi dubbate dhagayaa'a. Rabbi akkana jedha, «Abboonni teessan ta durii balleessaa maal na irratti arganii na irraa fagaatan? isaan waaqolee tolfamaa duwwaa ta'an waaqeffatu'uun duwwaa uf godhan. Ani isaan biyya Misiriitii baase; lafa gammoojji'ii keessa isaan masakke, karaa lafa onaa bu'i bayii gogaa dukkanaa, ka womaa keessa hin jiraannee fi hin deemne keessaa isaan baase; isaan garuu ‹Waandhi kana maraa nuu godhe meeti?› jedhanii hin gaafanne. Ani lafa midhaan mishaa isaanii baaftu, ta isaan gammachiiftuu fi michu'utti isaan galche; isaan garuu lafa balleessanii biyya isaanii kennellee batteessan. Gadoonni ‹Rabbi eessa jira?› jedhanii hin gaafanne, beettonni seeraallee ana hin beenne; worri banii bulchan natti ka'an; raattonnillee waaqa tolfamaa ba'aaliitiin raaga dubbatan; waaqolee tolfamaa duwwaa waaqeffatan› «Kanaafuu ani Rabbi isin banii kiyya komii komadhe ijoollee teessanitti isin himadha. Wonti akkanaa kun armaan dura sirima akka ta'ee hin beenne akka hubattan; mee gara Qophiroosii ta dhiya adu'uutiin jirtuu ta gara bisaaniin marfamtee dhaqaa'a; gara biyya Qeedaarii ta baya biiftu'uutiin jirtuullee dhaamsa erga'aatii qoradhaa'a. Isaan waaqolee tolfamaallee yoo ta'an baniin waaqolee tolfamaa jijijjiiratu hin jiru; baniin kiyya garuu ana Waaqa ulfinna isaanitti uwwise ana Waaqa isaanii waaqolee tolfamaa womaa isaanii hin gooneen na jijjiiratan.» Rabbi akkana jedha, «Samiiwwan! «Isin sababaa kanaaf nayaa'a; sodaa gudda'aan holladhaa'a. Baniin kiyya cubbuu lama hojjateera; ana Waaqa burqaa jireennaa isaanii ta'e dhiisaniiran; boolla qaalawa qabdu ta bisaan qabuu hin dandeenne ufiif qotataniiran. «Israa'el garbittii bitamtee miti; garbittii manatti dhalatteellee miti; eeganaa diintonni isi'ii wonti akka bineensaa isii dhadhoolaniif maali'i? Diintonni isi'ii akka Leenca darmi'ii itti aadan; biyya isi'ii gara lafa gammoojji'iititti jijjiiraniiran; qachoonni isi'ii gubatanii ona namni keessa hin jiraanne ta'aniiran. Namoonni Meemfoosiitii fi Xaafnaasii si salphisanii sitti baldan. Israa'el! wonti kun maruu si irra gayeef woma ati ufii gooteen; ana Waaqa karaa kee marattuu si masakku Rabbiin waan dhiifteef. Wonti ati gara biyya Misirii buutee bisaan laga Abbaayii dhuguu barbaaddeef bu'aa maal argatu'uuf? gara biyya Asoorii buutee wonti bisaan laga Efraaxisii dhuguu barbaaddeef bu'aa maal waan argattu sitti fakkaateeti? Amma hammeenna keetiin adabamta; waan na ganteef sitti murteeffama; ati ana Rabbii Waaqa kee irraanfattee ulfinna naa kennitu dhiisuun kee yakki kee hagam akka ulfaatuu fi akka hadhaayaa ta'e hubatta; ka waan kana dubbate ana Waaqa Gooftaa banii maraati.» Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Yaa Israa'el! Hennaa dheera'aaf naa ajajamu'uu fi na tajaajiluu dhiifteerta; ati dhugamaan gaarran irraa fi gaaddisa mukkiinii jalatti waaqolee tolfamaa biraa waaqeffatu'uun seebarteerta. Ani fiixaa filatamaa irraa akka biqiltuu woyini'iititti si dhaabee ture; ati garuu jijjiiramtee akka biqiltuu woyini'ii ka lafa gammoojji'ii taatee badde. Yoo hagamillee handoode'ee fi saamuna'aan dhiqatte yakki kee ifa ta'ee mudhata. Eeganaa ‹ani sirimaa uf hin batteessu; waaqa tolfamaa ba'aaliitii sirimaa hin sagadu› jettee attamitti sobuu dandeetta? mee cubbuu dhooqa keessatti hojjachu'uun battoofte laali; ati akka gaala korma kajeeltee lafa gammoojji'ii keessa asii fi achi raatofta. Harreen diidaa ta lafa gammoojji'ii keessa jiraattu yoo tola fuudhu'uuf taate maaltu isii qabuu danda'a? hulee harreen diidaa kormaan jiru ufumaa suuftee waan dhaxxuuf kormaan isii soqaa hin deemu. Yaa Israa'el! waaqolee tolfamaa biraa woliin seebaru'uuf olii gad uduu deemtu kophee luka keetii hin fixatin; kokkeen tee dheebu'uun si hin gogin; ati garuu ani waaqolee tolfamaa waaqeffatuu waan barbaadee fi itti bulu'uufillee waan murteeffadheef uf duuba hin deebi'u!› jetteerta. Rabbi akkana jedha, «Akkuma hattuun hennaa qaban saalfattu akkasuma hennaan baniin Israa'elii, mootonni isaanii, bulchoonni isaanii, gadoonni isaaniitii fi raattonni isaaniillee saalfatan hin dhufa. Worri mukaan ‹ati abbaa keenna›; dhaga'aan garuu ‹ati haadha teenna ta nu deette› jettan maruu hin salphattan; wonti kun isin irra gayuuf gara kiyya deebi'uu caalaa waan na irraa fagaattaniif; hennaa rakko'oo garuu akka ani isin oolchuuf na waamattan. Waaqoleen tolfamaan isin harka keessaniin hojjattan eessa jiran? yoo ka danda'anii hennaa rakkattan mee isaan isin haa oolchanii; Yaa Yihuudaa'a! akkuma qachoonni tee baay'atan waaqoleen tolfamaan keellee baay'ataniiran.» Rabbi akkana jedha, «Isin maruu na diddaniirtan; eeganaa wonti naan mormitaniif maali'i? Isin sirimaa worra hin qajeelle waan taataniif adabbiin ani isin adabu duwwama; isin akka leenca aaree loluu taatanii raattota teessan guraade'een ajjeeftan. Isin worri bara kana jirtan baniin Israa'elii waan ani isinitti himu dhagayaa'a; akka lafa gammoojji'ii yookaan akka lafa dukkanooftee isinitti ta'ee? eeganaa isin ‹nu waan barbaanne goona malee sirimaa gara kee hin deebinu› wonti jettaniif maali'i? Durbi faaya ittiin qandhaftuun hin irraanfattii? idaayyittiin uffata idaayya'aa hin irraafattii? baniin kiyya garuu baroota baay'ee laakkayamuu hin dandeenneef na irraanfataniiran. Ati jaalalloota tee faana deemu'uuf hagam qaroomte? deemsi jireenna keetii deemsa jireenna dubartoota haala badanii fakkaata. Uffanni kee dhiiga worra balleessaa hin qabneetii fi ka hiyyeeyyi'iitiin badeera; ati garuu waan kana maraa gootee ‹ani qulqullu'u, dhugamaan Rabbi naan hin lolu› jetta; sababaa ‹ani cubbuu hin hojjanne› jettee waakkatteef ani Rabbi sitti murteessa. Ati gara waaqolee ormaa deebitee uf salphifteerta; akkuma armaan dura sababaa biyya Asooriitiif salphatte ammallee sababaa biyya Misiriitiif salphatta. Ati salphattee harka kee mataa kee irra kaayattee hulee sanii deemta; ani Rabbi waan ati hedattu maraa waan balleesseef wonti ati isaan irraa argattu tokkollee hin jiru.» Rabbi akkana jedha, «Namni yoo haati manaa isaa jalaa baate; yoo nama biraatitti heerumte; abbaan manaa isi'ii nama itti heerumte san jalaa baasee galfachuu danda'aa? yoo ka gaalfatu ta'e kun fafaamii? Israa'el! ati armaan dura waaqolee tolfamaa baay'ee jaalattee turte; amma garuu gara kiyya deebi'uu feeta. Mee ol jedhii gaarran gubbaa laali; huleen ati waaqolee tolfama'aa itti hin saganne hin jiraa? akka nama lafa gammoojji'ii keessa riphee waa saamu'uuf olii fi gad deemuutii fi akka dubartii nama isii jaalatu soqaa karaa gara garaa deema'aa hujii cubbuu seebara keetii waaqeffata'aa lafa batteessite. Roobni gannaatii fi ka badheessaallee wonti si irraa dhaabateef sababaa kanaaf; ati saalfachuu dhiiftee akka dubartii seebartuutitti salphatteerta. «Ati, ‹abbaa kiyya; jaalalloo kiyya ka ijoollumma'aati› jettee na hin waamnee? Ati ‹inni hennaa maraa lolaa? lolli isaa jabaan hin dhaabatuu?› jettee dubbatteerta; garuu ati hujii hamaa hojjachuu dandeettu maraa ima hojjatta» jedha. Bara Iyyoosiyaas mooye Rabbi akkana naan jedhe, «Biyyi Israa'elii ta amantaa hin qabne maal akka goote argitee? isiin na dhiiftee gaarran gugurda'aa fi mukkiin lalise jalatti waaqolee tolfamaa waaqeffata'aa battummaa raawwatti. Haga kana maraa raawwatteen maayessa waan gaabbitee gara kiyya deebitu seeye, isiin garuu hin deebine; obboleettiin isi'ii Yihuudaan hin amanamnellee waan kana argiteerti. Israa'el ana waaqeffatuu dhiiftee waaqolee tolfamaa faana deemte; akka ani waan isiin hojjata'aartu isi'ii dhiise Yihuudaan argiteerti; Yihuudaan obboleettiin Israa'elii ta hin amanamne hin sodaanne; isiinillee gara ufiitiin waaqa tolfamaa waaqeffatti. Isiin sirima hin saalfanne dhaga'aa fi muka waaqeffata'aa lafa batteessite. Haga waan kana maraa raawwatteen maayessa obboleettiin Israa'elii Yihuudaan akka waan gara kiyya deebituu taate gara'aan uduu hin taane afaanumaan; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Rabbi akkana naan jedhe, «Israa'el hagamillee yoo Rabbiin irraa fagaatte wonti isiin Yihuudaa hin amanamne irraa gar gar taatuun akka jiru» Kanaafuu wonti Rabbi akka ani gara kaabaa deemee Israa'elitti himuuf na ajaje kana; «Ati Israa'elii hin amanamne! Araarri kiyya guddaa waan ta'eef hin loluu gara kiyya deebi'i; lolli ani siin lolu haga bara baraatii miti. Atumti akka yakkamtuu taatee fi Rabbii Waaqa kee akka didde amani; ati mukkiin lalise jalatti waaqolee tolfamaa worra ormaa akka waaqeffattee fi akka battoofte, seera kiyyaa ajajamuu diduu keellee himadhu; ka waan kana dubbate ana Rabbi. Isin banii hin amanamne! waan banii kiyya taataniif deebi'aa'a; isin keessaa, qachoota gara garaa keessaa tokko tokko maatii gara garaa keessaallee lama lama filee gara gaara Tsiyoonii isin fida. Worri isin eegan ka naa ajajaman isinii kenna; isaan ogumma'aa fi hubanna'aan isin masakkan. Hennaa laakkobsi keessan ardii san irratti baay'atu worri waan saanduuqa waadaa kiyyaa dubbatan hin argaman; achiin maayessa waan isaa hin yaadan; hin qaabatanille'e; bu'aan isaa waan isaanitti hin mudhanneef deebi'anii waaqa tolfamaa biraa hojjachu'uuf hin badadan. Bara san garuu Yerusaalem ‹Teessoo Rabbii› jedhamtee waamamti; baniin maruu ana waaqeffatu'uuf achitti wol gayan; achiin maayessa isaan worra garaa jabaatuu fi worra yaada hamaa qaban hin ta'an. Israa'elii fi Yihuudaan tokko ta'an; isaan lamaanuu biyya gara kaabaatiin jiruu hulee booji'amanii deebi'an isaan gara lafa abboota isaanii ta duriitii lafa bara baraa godhee isaanii kenneetitti deebi'anii galan.» Rabbi akkana jedha, «Yaa Israa'el! ani akka finna kiyyaatitti Biyya adunya'aa keessaa lafa gabbattu'uu fi laliftuu guddiftee bareeddu sii kennuu barbaade; Ati, «Abbaa» kiyya jettee akka na waamtuu fi akka deebitee na irraa hin fagaanne si eega'aa ture. Ati garuu akka haadha manaa ta abbaa manaa ufii ganteetitti anaaf amanamtuu hin taane; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Tulloota gammoojjayaa irratti laagaan dhagayama; laagaan kunillee laagaa baniin Israa'elii Rabbii Waaqa ufii irraa fagaatanii cubbuu hojjata'aa turanii amma gaabbanii kadhata'aa booya'aa dhageessisan. Isin worri Rabbiin irraa fagaattanii turtan maruu deebi'aa'a; inni isin oolchaa; worra amanaman isin taasisa. Isinillee akkana jettaniirtan, «Ee! Rabbi Waaqa keenna waan ta'eef gara isaa deebina; Isin tulloota gubba'atti waaqa tolfamaa duwwaa waaqeffatuun keenna womaa nu hin fayyanne; fayyinni Israa'elii Rabbii Waaqa keenna callaa biratti argama; garuu nu waaqa tolfamaa nama salphisuu sagaduun keenna hori'ii fi hoolota keenna maraa, ijoollee teenna ta dhiiraatii fi ta durbaa maraa fi qabeenna dur abboonni teenna dadhabanii argatan maraa akka dhabnu nu taasiseera. Nu'uu fi abboonni teenna ta durii deddeebinee cubbuu hojjannee Rabbii Waaqa keenna gaddisiifneerra; ajaja isaallee hin raawwanne; kanaafuu nu saalfannee kufnee salphinna akka uffataatitti uffanne.» Rabbi akkana jedhe, «Isin banii Israa'elii! yoo gara kiyya deebi'uu barbaaddan, waaqolee tolfamaa jibbaman sanniin balleessitanii yoo anuma calla'aa amanamtoota taatan; Dhuga'aa fi qajeellumma'aanillee ‹Rabbii jiraata'aan› yoo kakattan; baniin maruu hin eebbifaman; kanaanillee ulfinna argatan.» Rabbi banii Yihuuda'aatii fi banii Yerusaalemiitiin akkana jedha, «Lafa bule qotaa'a; sanyii keessan qoree keessatti hin facaasinaa'a! Isin baniin Yihuuda'aatii fi worri Yerusaalemiin keessa jiraattan! Badooma garaa keessanii baasa'aatii sammuu qulqulleeffadha'aa namummaa keessan maraanuu Rabbitti bulaa'a; yoo waan kana godhuu baattan garuu sababaa hujii hamaa keessaniitiif lolli kiyya akkuma ibiddaa isinitti bobaya; lolli kiyya yoo akka ibiddaa bobaye eennullee dhaamsuu hin danda'u.» Biyyattii san maraa keessatti xurumbaa afuufaa'a! laagaa keessan ol qabadha'aa iyyaa'a! baniin Yihuuda'aatii fi ka Yerusaalemii gara qachoota dallawa qabduu akka dheessan isaanitti himaa'a. Tsiyoonitti karaa mudhisaa'a! uduu hin turre gara hulee dheessitanii jalaa bayuu dandeettanii baqadhaa'a! Rabbi gara kaabaatii bala'aa fi badii guddaa waan fiduuf. Akkuma leenci bosona itti dhokate keessaa bawu, wonti banii maraa balleessu hin ka'a; inni biyya Yihuuda'aa balleessu'uuf dhufa; qachoonni biyya Yihuuda'aa hin diiggaman; namni isii keessa jiraatu hin argamu. Lolli Rabbii jabaan biyya Yihuuda'aa irraa waan hin fooyamneef uffata gaddaa uffadha'aatii banne jedha'aa booyaa'a. Rabbi akkana jedha, «Guyyaa san mooti'ii fi worri isa jala hojjatan guddisanii nayan; gadoonni hin hollatan; raattonnillee hin nayan.» Anillee, «Rabbi Gooftaa kiyya! ati banii Yerusaalemiitiin ‹nagaya argattan› jettee maaf isaan sobde? amma garuu isaan guraade'een dhumata'aaran» jedhe. Hennaa san banii Yerusaalemii tanatti akkana jedhamee himama; «Banii kiyyatti qilleensi nama gubu tulloota gammoojjii jiran irraa ka'ee isaanitti bubbisa; qilleensi kun qilleensa qulqulleessu yookaan ka adda baasuu miti. Qilleensi kun qilleensa ajaja Rabbiitiin dhufu waan ta'eef maraa caalaa jaba'a; murtii kana ka bani'itti murteessu Rabbi.» «Loltoonni diinaa akka duumessaa marseera; konkolaataan lolaa akka haboonbolatti'ii ariifata; faradoon allaattii bajja jedhamu caalaa bararan; kanaafuu waan bada'aarruuf nu hobbaas! Yaa Yerusaalem! yoo fayyuu barbaadde hammeenna garaa keetii maraa uf keessaa baasii balleessi; yaanni cubbu'uu sammuu kee keessaa haga yoomii baduu dida? Qachoota Daaniitii fi tulloota Efreemii keessaa laagaa nama waan hamaa labsuutitu dhagayama; worri nama marsee qabu Yihuudaa irratti lola labsa'aa biyya fago'ootii akka dhufa'aaran banii maraa fi banii Israa'eliititti himaa'a! Baniin Yerusaalemii waan hammaatanii didaniif akka nama midhaan eeguutitti diinni isii marsa;» ka waan kana dubbate ana Rabbi. Yihuudaa'a! sababaan wonti kunniin maruu si irra gayeef waan jireenna kee bada'aatii fi waan hujii kee hama'aatiif; wonti rakkoon hadhaayaan kun marti si irra gayeef sababaa cubbuu keetiitiif waan ta'eef nafa kee kutee seenee garaa kee madeesseera. Attamitti rakkinna kana maraa obsuu danda'a! hayi rakkinna! dhayannaan onnee tiyyaa attamitti ariifate? hayi onnee tiyya! laagaa xurumba'aatii fi ka lolaa uduu dhagayu obsee cadhisuu hin danda'u. Balaan balaa irratti eda'ama; biyyattiin maruu diiggamtee ona taateerti; daaseewwan keenna maruu dimmaa badan; golgi isaanii maruu haga limsuu ijaatitti biinxaman. Malkanni alaabaa lolaa ka raafamu; hirphi laagaa lolaa ka dhagayamu; laagaan xurumba'aallee ka dhagayamu haga yoomiiti? Rabbi akkana jedha, «Baniin kiyya gowwoota na hin beenne ta'aniiran; waan hubannaa hin qabneef akkuma daa'immanii sobaman; isaan worra waan hamaa hojjachu'uuf ogooman; sirima waan mishaa hojjachuun isaanii hin ta'u.» Yoo lafa laalu, lafti duwwa'a; yoo samii laalu, ifti irra hin jiru. Yoo gaarran laalu, isaanillee hin hollata'aaran; yoo tulloota laalu, isaanillee olii gad socho'aaran. Akka baniin irra hin jirre arge; allaattiiwwanillee bararanii badan. Lafti laliftuun gara lafa gammoojji'ii jijjiiramteerti; Rabbi waan guddisee loleef qachoonni isi'ii maruu diiggamaniiran. Rabbi lafti akka gara lafa gammoojji'iititti jijjiiramtu haga dhumaa garuu akka isii hin balleessine dubbateera. Ardiin hin bootti; samiinillee dukkanaan golgama; waan kana Rabbitu dubbate; yaanni isaa hin jijjiiramu; murtii hin jijjiiramne murteeffateera; uf duuba hin deebi'u. Sababaa dhaaduu worra farado'ootii fi worra ebo'oon darbataniif, baniin qachaa keessa jiru maruu hin baqata; gariin gara bosonaa dheessa; worri hafan dhagaa gubbaa yaa'an; qachaan maruu ona namni keessa hin jiraanne ta'a; ka isii keessa jiraatu hin argamu. Ati qachaan Yerusaalemii ta badde! si hobbaas! wonti uffata diimaa uffatteef maali'i? wonti faaya gara garaatiin qandhaftuu fi wonti ija kee kuulii dibatteef maali'i? worri mata gala sitti galan waan si jibbanii si ajjeesu'uuf ta'aniif uf bareechisuun kee duwwa'a. Ani laagaa akka dubartiin ciniinsifattu dhageessiftuu dhagaye; ani laagaa akka dubartiin hennaa goromummaa deettu dhageessiftuu dhagaye; laagaan kun laagaa Yerusaalem hafuurri isi'ii addaan citee harka ufii badhiftee «na hobbaas! ani bada'aaraa! na ajjeesu'uuf natti dhufa'aaran!» jedha'aa dhageessiftu ture. Isin banii Yerusaalemii! «Mee karaa Yerusaalemii maraa irra naannaya'aa laalaa'a! mee yoo ka nama murtii qajeelaa kennuu fi ka dhugaa soqu argitanii raasaa keessa deema'aa soqaa'a! yoo wonti kun ta'e ani Yerusaalemii hin araarama. Isin, ‹Rabbii jiraataa› jedha'aa maqaa kiyyaan kakattan; garuu sobaan kakattan. Yaa Rabbi! ijji tee dhugaa argitii mii? ati isaan adabde, isaan garuu womattuu hin laakkofne; ati isaan butuchite; isaan garuu dogoggora ufii irraa deebi'uu hin dandeenne. isaan hin morkatan malee cubbuu ufii irraa deebi'uu hin barbaanne. Achiin maayessa ani isaaniin akkana jedhe, «Isaan seera Rabbii Waaqa ufii waan hin beenneef, kunniin worra gowwa'aa fi hiyyeeyyii hubannaa hin qabne, seera waaqaatitti hin bulan. Kanaafuu ani gara worra bulchoota baallii qabanii dhaqee woliin qaaqa; dhugamaan isaan karaa Rabbiitii fi seera Waaqa ufii hin beekan isaan garuu Waaqa ufiititti ka'anii isaa ajajamuu didaniiran. Baniin hennaa hedduuf didanii Rabbiin dhiisaniiran; kanaaf diintonni isaanii akka leencan bosonaa yookaan akka yeyyiiwwan lafa gammoojjii keessaatitti balaa isaanitti buusan; diintonni sunniin qachoota keessatti dhokatanii namoota achi keessaa bayan maraa akka qeerransaatitti nafa isaanii cicciran. Rabbi akkana jedha, «Baniin kiyya na dhiisee waaqolee tolfamaa sobaa waaqeffata; eeganaa wonti ani cubbuu isaanii isaanii dhiisuuf maali'i? ani banii kiyya nyaata isaan barbaachisu maraa isaanii kenna'aa akka isaan quufan godhe; isaan garuu worra seebaru ta'an; bultiin isaanii mana seebartootaati. Isaan akka faradoo sooramaniititti dharraa fedha fooniitiin waan gubataniif; isaan maruu haadha manaa hiriyyaa ufii coorsuu barbaadan. Kanaafuu ani sababaa waan kanniin maraatiif isaan adabuu na hin barbaachisuu? banii morkataa akkanaa kana haluu bawuu na hin barbaachisuu? Diintota dhaaba biqiltuu woyini'ii ka banii kiyyaa ciranii balleessan isaanitti erga; ani akka hiddi isaanii badu hin godhu; dameen isaanii kiyya waan hin taaneef, akka muranii gatan ajaja. Baniin Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa sirima na gananiiran; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Baniin Rabbii Rabbiin irratti soba dubbata'aa akkana jedhan, «Rabbi womaa nu hin godhu, wonti hamaanillee nutti hin dhufu, beellinii fi lolli nu hin argatu. Dubbiin raattonni uduu Rabbi isaanitti hin dubbanne dubbatan maruu akka qilleensaatitti waan laakkayamuuf, wonti isaan dubbatan maruu isaanumatti deebi'a.» Kanaafuu Rabbi Gooftaan banii maraa akkana naan jedhe, «Ermiyaas! baniin waan akkana jedhanii dubbataniif dubbiin kiyya afaan kee keessatti akka ibiddaa ta'a; baniin akka qoraanii ta'ee ibiddi isaan guba.» Isin banii Israa'elii! Rabbi banii balaa buusu biyya fago'ootii isinitti fida; baniin sun banii jabaa ka isin afaan isaanii hin beenne, ka dubbii isaanii hin beenne, ka dubbii isaanii hin hubannee fi banii dur irraa jiru. Worri isaanii ka ebo'oon nama darbatan worra jajjabaa gara nyaattoo malee nama ajjeesan. Isaan midhaanii fi waan isin nyaattan maraa haxaayanii nyaatan, ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa maraa hin ajjeesan; tika hoolotaatii fi horii keessan maraa hin qalan, biqiltuu woyini'iitii fi muka hurbu'uu keessan maraa hin balleessan; loltoonni isaanii qachoota teessan ta dallawamtee isin hedattan maraa diiganii balleessan. Rabbi akkana jedha, «Wonti kun maruu yoo ta'e, ani hennaa san banii kiyya ciraa kutee hin balleessu; Ermiyaas! baniin, ‹wonti Rabbi waan kana maraa nu irra geesseef maali'i?› jedhanii yoo si gaafatan akka isaan na irraa fooyamanii biyya ufii keessatti waaqolee tolfamaa waaqeffatan, isaan akka biyya ormaatitti tajaajiltoota banii ormaa jedhamanii waamamuun isaanii akka hin hafne isaanitti himi.» Rabbi akkana jedha, «Fiixaa Yaaqoobiitii fi banii Yihuuda'aa maratti waan kana himaa'a. Isin worra uduu ija qabdan hin argine, uduu gurra qabdan hin dhageenne, isin baniin gowwaanii fi amshaaggonni kana dhagayaa'a; Ani Rabbi; isin maaf na hin kabajjine? maaf na sodaattanii naatanii hin hollanne, bisaan akka xidhacha irra lufee hin deemne ka galaanatti daangaa godhe ana; haguma fedhellee galaanni yoo raafame, dambaliinii fi qilleensi yoo ka'e daangaa xidhachaa lufee deemuu hin danda'u. Isin garuu banii morkata'aa fi dhibaa taatanii na dhiiftanii baqattan. Rooba duraatii fi ka maayessaa, ka gannaatii fi ka badheessaallee henna'aan ka isinii kennuu fi ka ji'oota midhaan itti haamatan woggaa wogga'aan isinii fidu ana; isin garuu na kabajjuu diddan. Yakki keessan eebba isin dhabsiise; baay'inni cubbuu keessanii akka isin waan mishaa hin arganne isin taasise. Namoonni hammeeyyiin banii kiyya keessa jiraatan hin jiran; isaan akka nama simbirran siibo'oon qabuuti; kanaafuu isaan namoota qabu'uuf siiboo ufii diriirsanii riphan. Akkuma dhadhooltuun simbirran qabee maandhee simbirranii keessa kaayu, isaanillee qabeenna saaman mana ufii guutan; wonti jabaatanii duroomaniif kana. Isaan akka sangaa soorameetitti furdataniiran, hujiin isaanii hamaa haga hin qabne; mirga ijoollee abba'aa fi haadha hin qabnee hin eegan; worra rakkataniifillee murtii qajeelaa hin murteessan. «Eeganaa ani Rabbi waan kanniin maraaf isaan adabuu na hin barbaachisuu? banii akkanaa kana haluu bayuu na hin barbaachisuu? Wonti nama sodaachisuu fi nama naasisu biyya tana irratti raawwatameera. Worri nu raattota ufiin jedhan raaga sobaa raagan; gadoonni gorsa raattotaatiin bulchan; baniinillee waan kana maraa hin morman; eeganaa hennaa wonti kunniin maruu raawwatamu maal isaanii woyya?» Isin banii Biiniyaamii! lubbuu teessan oolfachu'uuf baqadhaa'a! Yerusaalemiin keessaallee bayaa'a! biyya Taqoha'aatitti laagaa xurumba'aa dhageessisaa'a; Beetakaareemitti ibidda malkataaf ta'u bobeessaa'a! badi'ii fi balaan gara kaabaatii dhufu'uuf ta'a. Qachaan Tsiyoonii bareedduunii fi ta nama gammachiiftu hin baddi. Tisseen horii ufii woliin achitti quphatan; daasee ufiillee naannaya qachatti'iititti dhaabatan; isaan maruu hulema ufii barbaadanitti horii ufii bobbaafatan. Diintonni isi'iillee, «Ka'aa! Yerusaalemiin lolu'uuf haa qophoofnuu; guyyaa balaa isi'itti haa buufnuu! siri'ii hin turre; lafti galgalaaya'aara; aduun dhiya'aarti; gaaddifni dheerata'aara; kanaafuu ka'aa halkaniin dhandhee balaa buufnee kusheewwan qachootaa maraa diinnaa» woliin jedhan. Kanaafuu Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedha, «Mukkiin mura'aatii biyyee naannaya Yerusaalemii jiru ka akka kushe'eetitti nama gargaaru tuulaa'a; isiin waan qachaa hamtuu taateef adabamuu isii barbaachisa. Akkuma boolla keessaa bisaan burqu Yerusaalemillee burqaa hammeenna maraati; wonti isii keessatti dhagayamu laagaa badi'iitii fi ka hammeennaati; wonti hennaa maraa isii irraa mudhatu dhibe'ee fi mada'a. Isin banii Yerusaalemii! rakkoon kun gorsa isinii haa ta'uu; ta'uu baannaan uf afo'oo isin balleessa; qachaa teessan gara lafa gammoojji'ii jijjiiree akka eennullee isii keessa hin jiraanne taasisa.» Rabbi Gooftaan banii maraa, «Worra Israa'elii ka hafe akka nama hurbuu woyini'ii guuruutitti guuraa'a; akka nama woyinii deddeebi'ee hurbuu woyini'ii guuruutitti harka keessan gara dameewwanii hiixadhaa'a.» jedha. Anillee deebi'ee akkana jedheen, «Yoo isinitti himee fi yoo isin gorsellee eentu na dhagayuu danda'a? isaan waan worra morkatu ta'aniif dubbii kiyya dhagawuu hin danda'an; yoo ani dubbii kee isaanitti himu tuffatanii natti kolfan. Yaa Gooftaa! akkuma ati guddiftee aarte anillee aaree sirima obsuu dadhabe.» Rabbi akkana naan jedhe, «Ati dheekkamsa kiyya daa'imman karaa keessaatii fi ka'imman wol gayanitti buusi; abbaan worraatii fi haati manaa jaarsonnillee hin booji'aman. Rabbi akkana jedha, «Ani hennaa banii biyya tanaa adabu manniin isaanii, qonna isaaniitii fi haawwonni manaa isaaniillee uduu hin hafne namoonni biraa isaan fudhatan. Gugurdaanii fi didiqqaan isaanii faayida'aaf jedhanii seeraan ala saaman; raattonninii fi gadoonnillee banii soban. Cabnana madaa banii kiyyaa akka waan taraarameetitti laalan; kanaaf seeraan hin yaalan, akkasuma uduu nageenni hin jirre ‹nagaya nagaya› jedhan. Waan nama jibbisiisu kana maraa hojjatanii saalfachuu dhiisii ijuma ufiituu hin limsanne; kanaafuu akkuma kuuwwan kufan isaanillee hin kufan; ani hennaa isaan adabu dhuma isaanii ta'a; ka waan kana dubbate ana Rabbi» Rabbi banii ufiitiin akkana jedha, «Karaa irra dhaabadha'aatii karaan duriitii fi ta kolbaa tam akka taate gaafadha'aa laala'aa hubadhaa'a; yoo karaa san hubattan isii irra deemaa'a; lubbuu teessanii nagaya argattanii.» Baniin garuu «Karaa saniin hin deemnu!» jedhan. Achiin maayessa Rabbi worra laagaa xurumba'aa ka uf eegganno'oo afuufan dhaabsise; isaan garuu «Hin dhageennu» jedhan. kanaaf Rabbi akkana jedhe, «Banii nana dhagayaa'a! waan ani banii kiyya irratti raawwadhu maraa hubadhaa'a. Ardii nana! dhagayi! isaan seera ani isaan barsiise waan mormaniif, seera kiyyaafillee waan ajajamuu didaniif, waan yaada hammeenna isaanii maraaf waan isaan adabuuf banii irratti balaa fida. Hixaanni isaan biyya Saaba'aatii naa fidanii fi urgooftuun gara garaa ka isaan biyya gara garaa ka fago'ootii naa fidan maal naa godha? kennaa isaan jalqaba ji'aa naa dhiyeessan isaan irraa hin fudhu, ciincaan isaan naa dhiyeessanillee na hin gammachiisu. Kanaafuu ani akka baniin kun gufatee kufu godha; abboonninii fi ijoolleen, goshoonninii fi ollaan maruu wolumaan dhuman.» Rabbi akkana jedha, «Biyya gara kaabaatitti argamu keessaa lolli qabatteen hin dhufa; baniin guddaan biyya fagoo jiru lolaaf qophaayeera. Ebo'oo fi guraadee ufiillee qopheeffataniiran; isaan worra garaa jabaatu; worra hin araaramne; hirphi luka faradoo isaan kooranii yaabbatanii akka laagaa dambalii galaanaati; isaan Yerusaalemiin lolu'uuf qophaayaniiran» Baniin Yerusaalemii akkana jedhan, «Waan oduu dhageenneef naanee hadoonne; akka dubartii ciniinsifattuu hucuucamnee dhukkubsanne. Qonnaaf hin bayinaa'a; karaa irrallee hin deeminaa'a; hulee marattuu raafamni waan jiruuf guraadee diinaa irraa uf eegaa'a.» Rabbi banii ufiitiin akkana jedha, «Diinni isin balleessu'uuf dhufe dimmaa waan balaa isinitti buusu'uuf ta'uuf uffata gaddaa uffadha'aatii daaraa irratti gangaladhaa'a; akka nama finni tokkochi qabu jalaa du'eetitti mararama'aa booyaa'a. Ermiyaas! akkuma sibiila qoranii laalan banii kiyya qorii laali. Isaan maruu akka sibiila diima'aatii fi akka sibiila gurraachaa jabaatan; isaan hammeeyyii worra morkaan uf tuulan; isaan maruu worra araada hamaatiin badan. Sibiila bassu'uuf guddisanii buufaa afuufan; hammeeyyiin waan hin banneef ka sibiila bassu akkanumaan dadhaba. Ani Rabbi waan isaan gateef ‹Meetii xuraayaa gatame› jedhanii isaan waaman.» Dubbii, ‹kun mana woyyuu Rabbiiti! kun mana woyyuu Rabbiiti; kun mana woyyuu Rabbiiti! nu nagayaan jiraanna› jedha'aa duwwaa dubbattan hin abdatinaa'a. «San irra hujii keessanii fi haala jireenna keessanii jijjiiraa'a; jaalala fayyaalummaa uf keessaa qabduun wol qabadha'aa jiraadhaa'a. Worra isinitti galee isin keessa jiraatu, ijoollee abba'aa fi haati jalaa du'an, dubartoota abbaan worraa isaanii irraa du'e saamu'uun hin miidhinaa'a; namoota qulqulluu biyya tana keessa jiraatan dabaan hin ajjeesinaa'a; akka hin banneef waaqolee tolfamaa sobaatii hin sagadinaa'a. Yoo akka kanaan jijjiirama ka mudhiftan ta'e lafa abboota teessan ta duriitii baraa haga bara baraa kenne keessa akka jiraattan isin taasisa. «Laalaa'a! isin bee jecha duwwaa soba ta'e hedattan; Sababaa kanaaf hin hattan, hin ajjeeftan, hin seebartan, kakata'aa soba rageessitan, waaqa tolfamaa ba'aalii ciincaa dhiyeessitan, waaqolee tolfamaa armaan dura hin beennellee hin waaqeffattan. Waan ani jibbu kanniin maraa haga raawwattaniin maayessa gara mana woyyuu kiyyaa dhuftanii na afoo dhaabattanii ‹nu badii irraa hafneerra!› jettan. Manni woyyuun kiyya kushee hattoonni itti dhokatan seetanii? ani waan isin gootan maraa argeera. Isin gara Sheeloo hulee ani itti haa na waaqeffattani'iif filadhee deema'aatii waan ani achitti godhe laalaa'a; sababaa cubbuu Israa'elii banii kiyyaatiif Sheeloo diige. Isin yakka kana maraa raawwattanii hennaa ani deddeebi'a'aa isinitti himu na dhagayuu diddan hennaa ani isin waamullee na jalaa diddan. Kanaafuu akkuma Sheelo'otti godhe, mana woyyuu kiyya ka isin hedattan kanattillee godha; hulee kana ka ani isinii fi abboota teessanii ta duriitii kenne irrattillee akkasuma godha. Akkuma ani obboleewwan teessan banii Israa'elii ari'e akkasuma isinillee ari'a; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Rabbi akkana jedha, «Ermiyaas! ani si hin dhagayuu waan banii kanaatiif na hin kadhatin, waan isaanii hin kadhatin, hin faateffatinille'e; isaanii fi ana jidduu seentee waan isaaniitiif hin dhaabatin, waan isaaniitiif dhaabachuu si hin barbaachisu. Kana irra waan isaan karaa Yerusaalemiitii fi waan qachoota Yihuuda'aa keessatti godhan maraa hin laaltuu? Ijoolleen qoraan guuran, abboonni ibidda qabsiisan, dubartoonni waaqa tolfamaa mootittii sami'ii jedhamtuu xoroshoo godhu'uuf daakuu dukkuusan, na aarsu'uuf waaqolee tolfama'aaf kennaa daadhii woyini'ii dhiyeessan. Waan kanaan na aarsan isaanitti fakkaataa? salphinna ufitti fidanii uf miidhan. Kanaafuu ani Rabbi Gooftaan hulee manni woyyuun kiyya itti ijaarame kana irratti lola kiyya jabaa namaa fi horii, mukkiinii fi midhaanillee uduu hin hafne irratti jissa, lolli kiyya ibidda eennullee dhaamsuu hin dandeenne. «Ani Rabbi Waandhi Israa'elii Gooftaan banii maraa, ‹foon ciinca'aa ka hulee ciinca'aa irratti dhiyeessitan maraa wolitti qaba'aa ufumaa nyaadhaa'a› isiniin jedha. Hennaa abboota teessan ta durii biyya Misiriitii baase, waan ciincaa ciincawuutii fi waan biraa womaa isaan hin ajanye. Garuu akka ani Waaqa isaanii ta'ee isaan akka banii kiyya ta'anii naa ajajaman callaa isaanitti hime; wonti maruu akka isaanii qajeelu yoo barbaadan seera ani isaanii kenneen akka jiraatan isaan ajaje. Isaan garuu qalbi'iin na dhagawuu hin barbaanne; bikka san waan garaan isaanii morkataanii fi hamaan isaanitti mudhise godhan; gara afo'oo uduu hin taane gara duubaa deebi'an. Gaafa abboonni teessan ta durii biyya Misiriitii baate irraa jalqabee haga guyyaa adhaatitti raattota tiyya ta naa hojjatu hordofa'aa hennaan erguu dhiise hin jiru. Garuu namni na jalaa dhagayee fi ka ajaja kiyya qalbeeffate hin jiru; sirimaa abboota teessan ta durii caalaa worra morkatuu fi worra dhibu taatan. «Ermiyaas! dubbii kiyya kana maraa banii kiyyatti himta; garuu isaan si hin dhagayan, hin waamta garuu si jalaa hin awwaatan. Baniin kun ana Waaqa isaaniitii ajajamu'uu fi seera adabbii ufii irraallee worra baratuu hin barbaanne ta'aniiran; sababaa kanaaf dhugaan sirima baddeerti; namni waan isi'ii dubbatu hin jiru. Isin banii Yerusaalemii! rifeensa mataa keessanii haadadha'aatii gata'aa gaddaa'a; gara tulloota mukkiin irra hin jirree gubbaa ol baya'aatii faarsa'aa booyaa'a; Ani Rabbi aaree loleera; banii kiyyallee darbee uf afo'oo balleesseera. «Baniin biyya Yihuuda'aa waan hamaa hojjataniiran, kunillee waaqolee tolfamaa ani jibbu mana woyyuu kiyya keessa galchanii mana kiyya batteessaniiran. Waan ani hin yaannee fi waan ani isaan hin ajanye ijoollee ufii ta dhiiraatii fi ta intalaa ibiddaan guba'aa ciincaa godhanii dhiyeessu'uuf dhooqa Heenoomii keessatti hulee ciinca'aa ka Toofeeti jedhamu hojjataniiran. Kanaafuu maqaan hulee sanii dhooqa Beenheenoomii yookaan Toofeeti jedhamuun hafee hennaan Dhooqa qalmaa jedhamu hin dhufa; huleen awwaalaa ka biraa waan hin jirreef dhoondhi sun hulee banii itti awwaalan ta'a. Reeffa isaanii allaattii sami'iitii fi bineensatu nyaata; reeffa isaanii irraa wonti dhooggu hin jiru. Lafti ona taati; karaa Yerusaalemiitii fi qachoota biyya Yihuuda'aa maraa keessatti sirbi cidhaa, laagaan gammachu'uutii fi ka burraaqu'uu sirima akka hin dhagayamne godha. Rabbi, «Bara san lafee mootota biyya Yihuuda'aa, lafee worra baallii qabanii, lafee gadootaa, lafee raattotaatii fi lafee namoota Yerusaalemiin keessa jiraataniillee awwaala keessaa guuranii bayan. Namoonni kunniin hennaa lubbu'uun jiran aduu, ji'aa fi urjii waan waaqeffata'aa isaaniillee waan sagada'aa turaniif lafee isaanii hin awwaalan; akkuma fisha'aatitti raasa'atti gatan. Baniin dhaloota hamaa kana irraa hafanii fi baniin hulee ani itti isaan bittinneesse jiraatan jireenna caalaa du'a filatan» jedha. Rabbi bani'itti akkana jedhii himi naan jedhe, «Ka kufe hin ka'uu? ka karaa bade hin deebi'uu? Eeganaa isin baniin kiyya maaf gara kiyya deebi'uu diddanii akkuma na irraa fagaattaniin haftan? maaf gara waaqa tolfama'aa deebitan? maaf gara kiyya deebi'uu diddan? Ani seeraan isin jalaa caqase; isin garuu dhugaa hin dubbanne, isin keessaa namni hujii hamaa ufiitiif gaabbe tokkollee hin jiru; namni yakki ani hojjadhe maali'i? jedhee yaade hin jiru; isin maruu akkuma farda lolaa garuma feetan fiiddan. Allaattiin samii irra barartuu hennaa ufii itti deebitu beetti handariin, laakkamaa fi cuquliifni hennaa itti waa jalaa baqatan hin beekan. Kanaafuu isin maaf nu ogeeyyi'i, seera Rabbii hin beenna jettan? barreessitoonni sobaa akka seera kiyya balleessa'aaran arga'aa hin jirtanii? Ogeeyyiin keessan salphatanii siibo'oon qabamanii malli isaan harkaa badeera; isaan jecha kiyya dhiisaniiran; eeganaa isaan ogummaa attamii qabaachuu danda'an? Kanaafuu ani qonna isaanii maraa namoota biraatiif kenna; haadha manaa isaanii akka dhiirti biraa jalaa fuutu taasisa; isaan gudda'aa haga diqqa'aa, raattota, gadootaa fi baniin maruu uduu hin hafne bu'aa ufiitiif jedhanii soba'aa saaman. Madaa cabnana banii kiyyaa akka waan taraarra'aatitti laalanii seeraan hin yaalan; akkasuma uduma nageenni hin jirre ‹nagaya nagaya› jedhan. Banii kiyya! hennaa waan nama jibbisiisu kanniin maraa gootan saalfattanii beettuu? saalfachuu dhiisa'aatii ijumaa gad hin qabanne; kanaafuu akkuma kuuwwan kufan isinillee hin kuftan; adabbiin ani isin adabu dhuma keessan ta'a; waan kana ana Rabbitu dubbate. Akkuma qonnaan bulaan midhaan ufii wolitti qabatu anillee banii kiyya wolitti qabuu barbaade; isaan garuu akka biqiltuu woyini'iitii fi akka muka hurbu'uu ka daraaraa hin qabnee ka baalli isaa irraa harca'ee na jalaa ta'an sababaa kanaaf lafa isaanii kenne akka worri ormaa jalaa fudhatan taasise.» Baniin Rabbii akkana jedhan, «Maaf cadhifnee teenna ree? Rabbi Waandhi keenna du'a nutti fideera; waan isa yakkineefillee akka nu bisaan hadhaayaa dhunnu nu taasiseera; koottaa'a! gara qachoota kushee itti ijaaranii fiinnee dhandhee achitti duunaa. Hennaan nagayaa fi fayyummaa itti argannu hin dhufa jennee hedannee turre, sababaa kanaaf raafamnee hawwiin keenna duwwaa ta'ee hafe. Diintonni teenna dhufanii qachaa Daanii gayaniiran; hirphi kottee faradoo isaaniillee hin dhagayama; hennaa faradoon isaanii himimsan lafti hin sochooti; wonti diintonni teenna dhufaniif bani'ii fi waan qachoota keessa jiru maraa balleessu'uuf» Rabbi akkana jedha, «Uf eegaa'a! ani bofaa fi buutii hadhaa qabu ka worri asmaa hojjatan ziiri'iin dhoogguu hin dandeenne isinitti erga; isaan isin iddan» Ermiyaasillee, «Gadda ani obsuu hin dandeenneetu na irra gayeera; onneen tiyyallee guddiftee hadooddeerti. Mee na dhagayaa'a! «Rabbi deebi'ee Tsiyooniin keessatti hin argamuu? mootiin Tsiyoonii deebi'ee achi keessa hin jiraatuu?» jedha'aa hennaa baniin kiyya lafa maratti iyyan dhagaya'aara; Rabbi mootiin isaanii «waaqolee tolfamaa waaqeffachu'uu fi waaqolee ormaatii sagada'aa wonti na aarsitaniif maali'i?» jedhee isaanii deebisa. Baniin, «Jiini midhaan itti galfatan lufeera; bonnillee dhumeera; nu ammallee rakkinnuma keessa jirra!» jedha'aa iyyan. Waan baniin kiyya gaddeef anillee gaddee sodaata'aa booya. Biyya Gala'aadii keessa qorichii akka dhadha'aa dibatan hin jiruu? worri nama yaalan achi keessa hin jiranii? eeganaa wonti baniin kiyya hin fayyineef maali'i? Ani banii kiyya ka dhumanii uduu halkanii fi guyyaa booyee, mataan kiyya akka boolla bisaanii, ijji tiyyallee uduu imimmaan burqisiiftee silaa attam natti tola! Baniin kiyya worra hin amanamnee fi worra nama soban waan ta'aniif, isaan irraa fooyamee hulee bulti'ii ka worra karaa deemtu'uu argadhee lafa gammoojji'ii keessa uduu bulee silaa hin gammada! Isaan hennaa maraa arraba ufiitiin worra soba dubbachu'uuf qophaayan; kanaaf sobni lafa irratti baay'ate. Rabbi akkana jedha, «Baniin kiyya cubbuu tokko irraa gara cubbuu biraa deeman; akka ani Waaqa ta'e beekanii na hin kabajjine.» Namni maruu daba obboleessa ufii irraa uf haa eeguu; yoma obboleessa ufiillee ta'e hin amanin; ka obboleessa jedhan maruu akka Yaaqoobii sobaa ta'eera; ka jaalallo'o jedhan maruu hiriyyaa ufii maqaa balleessa. Namni maruu hiriyyaa ufii gowwoomsu'uun dogoggorsa; ka dhugaa dubbatu hin jiru; arrabni isaanii soba dubbachuu akka baratan isaan taasiseera; cubbuu hojjachu'uuf uf dadhabsiisan. Maaseta maaseta irratti, soba soba irratti eda'ata'aa jiraatan; Ani Waaqa isaanii akka ta'e hin beenne» jedha Rabbi. Sababaa kanaaf Rabbi Gooftaan banii maraa, «Banii kiyya qulqulleessu'uuf akka sibiilaa bassee isaan qora, baniin kiyya hammeenna akkanaa kana waan raawwateef isaan adabuu malee waan biraa maal godha? Arrabni isaanii hennaa maraa waan dhara dubbatuuf akka eboo bada'aatitti nama woraana; namni maruu jaalalloo ufii afaan jaalalaatiin qaassa, garuu dhossa'aan qolaa jala darba. Eeganaa ani waan isaan kana maraa hojjataniif banii akkanaa kana adabee haluu bayuu na hin barbaachisuu? ka waan kana dubbate ana Rabbi» Anillee akkana jedhe, «Gaarraniif hin gadda; waan lafa raasa'aatiifillee hin booya; waan maruu ona ta'ee wonti irra jiraatu hin jirreef, laagaan hori'ii lamuu hin dhagayamu; allaattiin samii irra bararanii fi busaawaan lafa irra jiraatan maruu dheessanii badaniiran.» Rabbi akkana jedha, Yerusaalemiin diigee tuulaa kosi'ii godha; hulee jeedallan keessa fiiddu taati; qachoota biyya Yihuuda'aallee ona womaa keessa hin jiraanne taasisa.» Ani akkana jedhe, «Wonti ardiin lafa onaa fi ka womaa keessa hin deemnee fi irra hin jiraanne taateef maali'i? namni ogeessi waan kana hubatu eennu? akka inni namoota biraatitti himu ka ati waa kana ibsiteef eennu?» Rabbi akkana jedhee deebise, «Sababaan wonti kunniin maruu ta'eef waan baniin kiyya seera ani itti kenne dhiisaniif; isaan naa hin ajajamne waan ani isaanitti hime maraa hin raawwanne. Waan kana godhuu irra morkatanii fakii waaqa tolfama'aatii akkaataa abboonni isaanii isaan barsiisaniin sagadan. Kanaafuu ani Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii waan godhu isinitti hima; Ani banii kana wonti isaan nyaatan akka hadhaayu; bisaan isaan dhuganillee akka bisaan summiin keessa jiruu godha. Isaanii fi abboota isaanii ta duriillee banii isaan hin beenne keessa bittinneessa; guraade'een isaan ari'ee isaan balleessa.» Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedha, «Mee ammallee yaadadhaa'a; worra booyu hulee tokkotti wolitti qabaa'a; dubartoota faarsa'aa boochisanillee waamaa'a.» Baniinillee akkana jedhan, «Haga imimmaan ija keessa nu maree jigee boqoo keenna irra yaa'utti, worri nama boochisan akka faarsa'aa boochisan dafa'aa isaanitti himaa'a» Tsiyooniin keessatti laagaa «badu'uuf taanaa nu hobbaas! nu sirimaa salphanneerra! manniin keenna waan diiggamaniif nu biyya teenna gad dhiifnee badu'uuf taana jedha'aa booyan dhagayaa'a. Anillee akkana jedhe, «Isin dubartoonni waan Rabbi jedhu caqasaa'a; dubbii isaallee qalbi'itti fudhatu'uuf qophaayaa'a; ijoollee teessan ta durbaa attamitti akka booyuu isaan barbaachisu isaan barsiisaa'a; akkaataa itti faarsa'aa boochisanillee goshoota teessan barsiisaa'a. Duuti qaalawa mana keennaatiin nutti seenteerti; manniin mootota keennaa keessallee seenteerti; ijoollee karaa irratti; ka'immanillee bayima itti bayanitti qoomteerti. Reeffi namaa akkuma fishaa gataniititti hulee marattuu bittinnaayeera; akkuma namni hennaa midhaan haamu qarmii jige deebi'ee hin guurree ta'eera; wonti Rabbi akka ani dubbadhu na ajaje kana.» Rabbi akkana jedha, «Ogeessi ogummaa ufiitiin, namni jabaan jabeenna ufiitiin, dureessillee qabeenna ufiitiin hin dhaadatin. Namni tokko yoo dhaadatuu barbaachise akka ani Waaqa ta'e lafa irratti araara, murtii qajeela'aa fi ka dhuga'aa ka kennu ana akka ta'e hubatee haa dhaadatuu; wonti na gammachiisu kana; ani Rabbi waan kana dubbadheera. Rabbi akkana jedha, «Hennaan ani worra maqamaaf gadooman adabu hin dhufa. Baniin biyya Misirii, biyya Yihuuda'aa, biyya Eedoomii, biyya Amoonii, biyya Mo'aabiitii worra rifeensa kallacha ufii bita'aa fi mirgaa haadatan ka daangaa lafa gammoojji'ii keessa jiraatan, akkasuma baniin Israa'eliillee worra gara'aan gadooman waan hin taaneef isaan maraa adabbima tokkoon isaan adaba.» Isin banii Israa'elii! dubbii Rabbi isinitti himu dhagayaa'a! Rabbi akkana jedha, «Jireenna worra ormaa hin hordofinaa'a; worri ormaa yoomillee hennaa waan haarawa samii irratti argan sodaatanii hollachuun amala isaaniitii; isin garuu kanaan hin raafaminaa'a. Waaqeffannaan aada'aa ka worra Yihuudota hin taanee duwwa'a; munni bosonaa murama; ogeessi ura'aan sambara itti baasa. Meeti'ii fi worqi'iin bareechisan; akka irraa hin buune mismaari'iin wol qabsiisan. Fakiin akkanaa kunniin akka fakii simbira gara garaatiin sodaachisu'uuf baasqulaa keessatti dhaabaniiti; dubbachu'uu fi deemuu waan hin dandeenneef namootatu isaan baadhata; miidha'aa fi faayidaallee waan hin qabneef isaan hin sodaatinaa'a» Yaa Rabbi! ka si fakkaatu hin jiru; ati jaba'a; maqaan kee gudda'aa fi ka nama sodaachisu. Ati mootii mootota maraa waan taateef mootota keessaa ka si hin sodaanne eennu? ogeeyyii worra ormaatii fi mootota isaanii jiddu'uttillee ka si fakkaatu waan hin jirreef ulfinni keeti. Martinuu gowwootaa fi wollaaltota waan ta'aniif malee fakii muka irraa hojjatan irraa barumsa maal argatan? Fakiin waaqa tolfamaa isaanii meetii tumame ka biyya Tarsesiitii dhufee fi worqii biyya Ufaaziitii argameen maxxanfameera; ogeeyyi'itu hojjatee midhaasse; uffata worri jirbii fooyan dhayaniin diimaa dhiilge'ee fi diimaa limmisa'aan uwwifameera. Yaa Rabbi! ati garuu Waaqa dhuga'aati; ati Waandhi jiraataan mootii bara baraati; hennaa ati dheekkamtu adunyaa maratu raafama. mootonni biyya ormaa danda'anii dheekkamsa kee afoo hin dhaabatan. «Waaqoleen tolfamaan akka ardi'ii fi samii hin uumnee fi akka ati Rabbi waaqolee tolfamaa maraa balleessitu itti himi» naan jette. Rabbi hunna ufiitiin ardii uume; ogummaa ufiitiin adunyaa dhaabe; beekkumsa ufiitiin samiiwwan diriirse. Ajaja isaatiin bisaan samiiwwan gubbaa jiru laagaa huuru'uu dhageessisan; Inni daangaa lafaatii duumessa fida; hennaa roobaa bakakkaa buusa; qilleensa hulee itti kuufamee gad dhiisa. Isaan maruu gowwootaa fi worra beekkumsa hin qabne ta'an; fakiiwwan isaan hojjatan ka sobaatii fi ka jireenna hin qabne waan ta'aniif worri waaqa tolfamaa sanniin hojjatan maruu ufumaa itti saalfatan. Waaqoleen tolfamaan kunniin ka gatii hin qabnee fi meeshaa itti baldan; Rabbi hennaa isaan adabu'uuf dhufu isaan hin badan. Waandhi Yaaqoobii garuu akka isaaniitii miti; Inni uumaa waa maraati; Israa'el banii isaa akka ta'u filateera; maqaan isaa Rabbi Gooftaa banii maraati. Isin banii qachaa Yerusaalemii ta marfamte keessa jiraattan! achi keessaa bayu'uuf daddafa'aa meeshaa keessan wolitti qabadhaa'a! Rabbi akkana jedha, «Amma banii biyya tana keessa jiraatan hin yaasa; isaan hucuucee akka booji'aman isaan taasisa.» Baniin Yerusaalemii iyya'aa «Nu guddifnee waan madoofneef nu hobbaas! madaan teenna ta hin fayyine; nu rakkoo kana maraa waan dandeennee obsinu seene. Daaseewwan keenna diiggamaniiran; haanni isaaniin diriirsanillee cicciteera; ijoolleen teenna maruu baqatanii waan deemaniif, namni daaseewwan keenna deebisee nuu dhaabuu fi golgaawwan keenna deebisee nuu fannisu tokkollee biyyatti nuu hin hafne» Anillee akkana jedhee deebise, «Bulchoonni teenna waan gowwoota ta'aniif Rabbiin gargaarsa hin gaafanne; sababaan kufanii fi wonti baniin keenna bittinnaayaniif kana. Oduun badduun dhufteertii dhagayaa'a! mootummaan gara kaabaa qachoota biyya Yihuuda'aa diigee ona taasisee hulee jeedallan keessa jiraatan godhu'uuf raataya'aara.» Yaa Rabbi! namni jireenna ufii irratti akka waa ajajuu hin dandeennee fi adeemsa ufiillee akka baallii ufiitiin tooyachuu hin dandeenne hin beeka. Yaa Rabbi! ati murtii dhuga'aa waan murteessituuf nu gorsi; kun garuu nu akka hin banne hennaa dheekkamsa keetii hin ta'in. Ati worra si hin beennee fi banii maqaa kee hin beenne irratti balaa kee buusi; isaan banii keenna fixaniiran; nu maraa balleessanii biyya teenna barbadeessaniiran. Dubbiin Rabbiin irraa gara Ermiyaasii dhufe kana, «Dubbii waada'aa kana qabadhuutii banii biyya Yihuuda'aatii fi worra qachaa Yerusaalemii keessa jiraatanitti himi; Namni waadaa kanaa hin ajajamne maruu ka abaarame haa ta'u. Waadaan kun waadaa ani abboota isaanii ta duriitii biyya Misirii ta akka gaamsee ibiddaa isaanitti taate keessaa hennaa isaan baasu isaanii kenne; akka naa ajajamanii fi waan ani isaaniin jedhe maraa akka raawwataniif isaanitti hime; yoo ka naa ajajamanii isaan banii kiyya akka ta'anii fi anillee akka Waaqa isaanii ta'u isaanii ibse. Yoo kana ta'e biyya dureettii aannanii fi damma baaftu ta amma irra jiraatan tana hennaa abboota isaanii ta duriitii kenne waadaa gale san isaanii raawwadha.» Anillee «Maarre Gooftaa kiyya!» jedhe. Achiin maayessa Rabbi akkana naan jedhe, «Ati gara qachoota biyya Yihuuda'aatii fi gara karaa hedduu Yerusaalemii dhaqii akka isaan waadaa kiyya eeganii fi akka ajaja kiyya raawwatan dubbii kiyya isaanitti himii isaan qaabsis. Hennaa abboota isaanii ta durii biyya Misiriitii baase, akka naa ajajaman deddeebi'ee isaan seere; baniillee haga adhaa seeruu hin dhiifne. Isaan garuu na dhagawu'uu fi naa ajajamuu hin barbaanne; bikka san isaan maruu hennaa kamiin caalaa morkattootaa fi hammeeyyii ta'aniiran; ani akka isaan waadaa kiyya eegan isaan ajaje, isaan garuu hin didan; kanaaf balaa waadaa kiyya keessatti barreeffame maraa isaanitti fide.» Ammallee Rabbi akkana naan jedhe, «Baniin biyya Yihuuda'aatii fi baniin biyya Yerusaalemii natti ka'aniiran. Akkuma abboonni isaanii ta durii waan ani isaan ajaje raawwachuu didanii cubbuu hojjatan, isaanillee akkasuma cubbuu hojjatan; waaqa tolfamaa ormaallee hin waaqeffatan; Israa'elii fi Yihuudaan wol ta'anii waadaa ani abboota isaanii ta durii woliin gale diigan. Kanaafuu ani Rabbi badii isaanitti fida; isaan badii san jalaa bayuu hin danda'an; akka ani isaan gargaaruuf yoma natti iyyatanillee ani isaanii hin dhagayu. Hennaa san baniin biyya Yihuuda'aatii fi baniin biyya Yerusaalemii gara hulee ciinca'aa ka waaqolee tolfamaa ormaatii dhiyeessanii dhaqanii gargaarsaaf isaanitti iyyatan; isaan garuu hennaa badiin kun isaanitti dhufe badii san jalaa isaan baasuu hin danda'an. Banii Yihuuda'aa! isin waaqolee tolfamaa haguma baay'inna qachoota teessanii qabdan; isin hulee ciinca'aa baay'ee haguma baay'inna karaa Yerusaalemii waaqa tolfamaa jibbamaa ka ba'aal jedhamuu ciincaa dhiyeessu'uuf hojjattaniirtan. Yaa Ermiyaas! ani hennaa isaan rakkoo ufiitiif hucuucamanii gara kiyya iyyatan ani waan isaanii hin dhageenneef, banii kanaaf na hin kadhatin, waan isaaniitiifillee hulee isaanii buutee hin worwaatin.» Rabbi banii Yihuuda'aatitti akka ani akkana isaaniin jedhu natti hime, «Isin banii ani jaaladhu; garuu waan hamaa akkanaa kanniin godha'aa mana woyyuu kiyya keessatti argamuu isin hin barbaachisu; ciincaan hori'ii ka isin naa dhiyeessitanillee badii jalaa isin hin baasu; kanaafuu isin mana woyyuu kiyya keessatti gammaduu dhiisaa'a. Isin hennaa tokko akka muka ejersaa ka daraaraa qabuu turtan; garuu laagaa akka gigissa'aa dhageessisee baala ibiddaan gubee damee isaa caccabsa. «Ani Waaqa banii maraati; isin baniin Yihuuda'aatii fi baniin Israa'elii akka muka ani dhaabeeti; isin garuu waaqa tolfamaa ba'aal jedhamuu ciincaa dhiyeessitanii na aarsitan; kanaafuu ani amma badii isinitti fida.» Hennaa san waan isaan godhan waan Rabbi natti mudhiseef waan isaan na irratti mari'atan beeke. Ani hennaa san akkuma hoolaa qalmaaf oofanii ta'ee ture; isaan, «Akka maqaan isaa lamuu hin qaabatamne muka kana daraaraa isaa woliin haa balleessinuu, adunyaa jiraattotaa tana irraa haa dhabamsiifnuu» jedhanii akka na irratti mari'atanii ka'an ani hin beenne. Ani, «Waaqa banii maraa! ati ka onne'ee fi qalbii namaa qoruu fi ka murtii qajeelaa murteessu; ani rakkinna kiyya sitti mudhise; kanaafuu hennaa ati banii kana haluu naa baatu akka argu na taasis» jedhee Waaqa kadhadhe. «Rabbi namoota Anaatootii ka Ermiyaasiin «yoo ati maqaa Rabbiitiin raaga dubbattee jiraatte si ajjeefna» jedha'aa isa ajjeessu'uuf soqaniin akkana jedha, «Anuu isaan adaba; ka'imman isaanii guraade'een dhuman; ijoolleen isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa beelaan dhuman. Hennaa barri ani banii Anaatotii irratti balaa fidu gaye isaan keessaa namni tokkollee hin hafu» Yaa Rabbi! hennaa ani siin wol falmu maraa ati sirri'i; ani waan murtii sirrii ta'eetiif gaafii qaba; sababaan jireenni nama cubbama'aa qajeeluuf maali'i? worra sobuufillee maaf wonti maruu ta'a? Ati isaan dhaabde hiddi isaanii gad fagaatee, guddatanii daraaraa daraaran; afaaniin si kabajjan; garaan isaanii garuu si irraa fagaateera. Yaa Rabbi! ati garuu na beetta; yaada ani sii qabu argitee na qorta; namoota hammeeyyii kanniin akka hoolota qalmaaf oofaniititti isaan fuudhii haga guyyaa isaan qalamaniititti fooyii isaan tursiis. «Sababaa banii hamaa waan nu goonu maraa Rabbi hin argu» jedhaniitiif biyya teenna bonni miidhuu fi margi raasa'aa ka hulee gara garaatitti marge gogee hafu haga yoomiiti? sababaa kanaaf busaawaanii fi allaattiin maruu haxaayamanii badaniiran. Rabbi akkana jedha, «Yaa Ermiyaas! yoo ka nama woliin fiiguu hin dandeennee attamitti fiiddee fardaan wol morkuu dandeetta? yoo lafa raasa'aa irra jabaattee dhaabachuu dadhabde attamiin bosona Yoordaanosii keessa dhaabachuu dandeetta? Obboleewwan teetii fi firri kee ka dhiyo'oo si gananii si mormaniiran; kanaafuu yoo isaan si afo'otti waan mishaa dubbatan hin amanin.» Rabbi akkana jedha, «Mana kiyyaa fi lafa kiyya dhiiseera; banii kiyya ka jaaladhu diintota isaaniitii kenne; Baniin kiyya natti ka'anii akka leenca bosonaatitti natti aadan; ani hujii isaanii kana hin jibba; Baniin kiyya ka filadhe maruu hulee maraanuu akka simbira cululleen marsitee ta'aniiran; kanaafuu bineensonni bosonaa dhufanii akka foon isaanii nyaatanii gammadan waamaa'a; Bulchoonni hedduu hulee biqiltuu woyini'ii kiyya balleessaniiran; qonna kiyya keessallee deemaniiran; lafa tiyya ta nama gammachiiftu akka gammoojjii taatu godhaniiran. Akka gammoojjii taatu waan godhaniif biyyi maruu gara gammoojjumma'aatitti jijjiiramteerti; ka waan isi'iitiif yaadu tokkollee hin jiru. Gaara ona ta'ee gammoojjaaye irraa worri nama balleessu hin dhufan; guraadeen Rabbii biyyattii daanga'aa haga daanga'aatitti waan balleessuuf; namni tokkollee hin hafu. Baniin kiyya qamadii facaasee qoree galfate; guddisanii hojjatanii dadhabanii bu'aa woyiituu hin arganne; ani guddisee lolee lola kiyyaan waan midhaan isaanii badeef gaddan.» Rabbi akkana jedha, «Ani worra ollaa Israa'elii ka lafa ani banii kiyya Israa'elii kenne balleessanitti waan dubbadhu qaba; banii hamaa sanniin biyya isaaniitii buqqisee isaan fida; banii biyya Yihuuda'aa jidduu isaaniitii butee baasa. Garuu haga biyya isaanii keessaa isaan baaseen maayessa deebi'ee isaanii araarama; banii maraa gara lafa isaaniitii fi gara biyya isaanii deebisee isaan galcha. Akka isaan asiin dura banii kiyya fudhatanii akka maqaa waaqa tolfamaa ba'aaliitiin kakatan barsiisan san ‹Rabbii jiraataa'a!› jedha'aa yoo ka kakatan ta'e akka isaan banii kiyya keessa jiraatan taasisa; baniin na hin dhageenne isaan jidduu yoo jiraate garuu buqqisee isaan balleessa; ka waan kana dubbate ana Rabbi» Rabbi akkana naan jedhe, «Sabbata uffata quuncee talba'aa irraa hojjatame uffadhu; garuu bisaan hin tussiisin.» Kanaafuu ani akkuma Rabbi na ajajetti sabbata bitee hidhadhe. Rabbi ammallee akkana naan jedhe, «Gara laga Efraaxisii dhaqii sabbata kee holqa dhaga'aa keessatti dhossi.» Kanaafuu ani akkuma Rabbi na ajaje deemee laga Efraaxisii biratti sabbata kiyya dhosse. Guyyaa baay'e'een maayessa Rabbi, «Gara laga Efraaxisii deebi'iitii sabbata fudhu» naan jedhe. Ani deemee sabbata bakkuma itti dhosse sanitti argadhe; sabbata kiyya hennaa argu badee ka faayidaa hin qabne akka ta'e arge. Achiin maayessa Rabbi akkana naan jedhe, «Ani uf jajuu biyya Yihuuda'aatii fi uf tuuluu Yerusaalemiillee akkaataa kanaan balleessa. Baniin hamaan kunniin naa ajajamuu didaniiran; ta qaraa caalaa morkatanii waaqolee tolfamaa waaqeffata'aa isaan tajaajilan; sababaa kanaaf isaan akkuma sabbata sanii worra bu'aa hin qabne ta'an. Akkuma sabbanni yoo hidhatan mudhi'itti maxxanu baniin Yihuuda'aatii fi baniin Israa'eliillee akka natti maxxanan karoorsee ture; wonti ani waan kana godheef akka isaan banii kiyya ta'anii fi akka maqaa kiyyaaf galataa fi ulfinna kennaniif; isaan garuu na hin dhageenne.» Rabbi Waandhi akkana naan jedhe, «Yaa Ermiyaas! ‹otteen maruu daadhii woyini'iitiin guuttama› jedhii banii Israa'eliitiititti himi; hennaa san isaan ‹nu akka ottee daadhii woyini'iitiin guutan waan hin beenne seetaa?› siin jedha. Kanaan maayessa Rabbi worra lafa tana irra jiraatan maraa daadhii woyini'ii obaasee akka isaan macheessu'uuf karoorfadhe isaanitti himi; hennaa san mootota, gadootaa fi raattota siree ulfinnaa ka Daawitii irra jiraatanii fi worra Yerusaalemiin keessa jiraatan maraa daadhii woyini'iitiin isaan macheessa. Hennaa san abbootaa fi ijoollee isaanii maraa akkuma otte'ee wolitti isaan buusa; gaddi, gara laafummaan araarallee yoo ta'e wonti kamuu isaan balleessuu na hin dhooggu.» Rabbi waan dubbateef; uf jajuu keessan balleessa'aatii isa dhagayaa'a; seeraanillee isa jalaa caqasaa'a. Uduu inni dukkana isinitti fidee isin gaarran irratti hin gufanne; ifa isin hedattan gara dukkana jaama'aatii fi gara hurrii dukkanaa uduu hin jijjiirre, Rabbii Waaqa keessan kabajjaa'a. Yoo dhagayuu diddan garuu ani waan uf jajuu keessaniitiif dhokadhee booya; baniin Rabbii booju'uun waan fudhatameef ani mararamee booya; imimmaan kiyyallee hin qooru. Rabbi akkana naan jedhe, «Waan mootitti'ii fi haadha isaanii irraa kallachi ulfinnaa ka kabajja'aa mataa isaanii irraa bu'eef akka isaan teessoo ulfinnaa irraa bu'aniif isaanitti himi. Qachoonni biyya Yihuuda'aa ta gara kibbaa jiran waan diinni isaan marseef eennullee achi dhaquu hin danda'u; baniin biyya Yihuuda'aa maruu hin booji'aman.» Yaa Yerusaalem! gara kaabaatii akka diinni sitti dhufa'aaru laali; baniin ati kunuunsa'aa turtee fi baniin ati dhaadattuun eessa gayan? Worri ati jaalalloo kiyya jettee itti dhiyaatte yoo si ari'anii fi yoo si bulchan maal jetta? akka dubartii ciniinsifattuutitti si hin dhukkubuu? Wonti kun maruu maaf na irra gaye? wonti uffata kiyya tarsaasanii na salphisaniif maali'i? jettee yoo gaafatte wonti kun maruu si irra gayeef akka sababaa cubbuu kee gudda'aatii fi hama'aatiif ta'e beeki. Namni biyya Itoophiya'aa bifa ufii, Qeerransillee babarrinna ufii jijjiirachuu hin danda'an; isinillee akkasuma waan hamaa hojjachuu waan barattaniif waan mishaa hojjachuu hin dandeettan. Amma garuu Rabbi akkuma buraa qilleensi lafa gammoojji'ii haxaayee dabarsuutitti isin bittinneessa. Akka hireen keessan kana ta'e Rabbi dubbateera; isin isa irraanfattanii waaqolee tolfamaa sobaa waan hedattaniif inni waan kana isin irratti raawwachu'uuf murteesseera. Rabbi uffata keessan isin irraa mulqee akka qullaa haftanii saalfattan isin godha. Inni hennaa isin waan hamaa inni jibbu gootan argeera; isin akka nama haadha manaa goshoo ufiititti dhaqu'uuf hawwuutii fi akka fardi kormaan ganyaa soqaa olii gad deemuu isinillee waaqa tolfamaa worra ormaa gaarran, tullootaa fi lafa raasa'aa irra hennaa soqa'aa deemtan isin argeera; isin banii Yerusaalemii isin hobbaas; sirima yoom qulqullooftan? Rabbi waan caama dhufu'uuf ta'uu akkana naan jedhe, «Biyyi Yihuuda'aa gadda keessa jirti; qachoonni isi'iillee du'aaf dhaanama'aaran; baniin isi'iillee gaddanii daaraa irra taa'anii booyan; Yerusaalem Rabbitti iyyatti. Dureeyyiin bisaan soqaa hojjattoota ufii ergan; isaanillee gara boolla bisaanii dhaqan; garuu sirima bisaan waan hin arganneef ottee duwwaa baadhatanii deebi'an; isaan abdii kutatanii waan malli harkaa baduuf, gaddanii haguuggatan. Waan roobni dhabamuuf lafti hin goddi; qonnaan bultoonnillee abdii kutatanii gaddanii haguuggatan. Waan margi sirima dhabameef, gadamsi ilmoo dhale raasa'atti dhiise biraa deema. Harriin diidaa waan dheebotaniif, tulloota maraa irratti bayanii akka jeedalaa arraba rarraasan; sababaa waan nyaatan hin arganneef isaan arguu dadhaban. Baniin kiyya akkana jedhee iyya, ‹yoma hagamillee yakki keenna guddaan ragaa nutti ta'e, yaa Rabbi! akka dubbii waadaa keetiitiin nu gargaari; nu si irraa fagaannee si gaddisiifneerra. Abdiin Israa'elii sima calla'a; ka balaa jalaa nu baasullee sima calla'a; eeganaa wonti akka keessummaa halkan tokko bulee bawuu taateef maali'i? Ati akka nama malli harkaa badeetii fi akka loltuu jabaa nama biraa gargaaruu hin dandeennee taata? yaa Rabbi! ati garuu nu jidduu jirta; nu maqaa keetiin waamamnaa yabo'oo nu hin gatin.› » Rabbi waan banii kanaatiif akkana jedha, «Isaan na irraa fagaatanii deemuu jaalatan uf hin qaban; kanaaf ani isaanitti hin gammadu; yakka isaanii maraa yaadee waan cubbuu isaaniitiif isaan adaba.» Rabbi akkana naa jedhe, «Waan banii kanaatiif na hin kadhatin; Yoma sooma'aa na kadhatanillee kadhaa isaanii hin dhagayu; ciincaa ciincawuu fi kennaa midhaanii yoo naa dhiyeessanillee ani waan kanniiniin hin gammadu; ani sirima isaaniin lola; beelaa fi dhukkubaan akka dhuman isaan taasisa.» Anillee akkana jedhe, «Rabbi Gooftaa kiyya! raattonni ‹lollinii fi beelli hin jiru› jedha'aa bani'itti himan; akka waan nageenni guddaan lafa teenna irra jiruutitti Rabbi dubbateera› jedhan» Rabbi akkana jedhee deebise, «Raattonni maqaa kiyyaan soba dubbatan; ani isaan hin ergine; isaanillee hin ajanye; jechuma tokkollee isaanitti hin dubbanne; mudhanni isaan argine jedhan maruu ka ana biraa dhufee miti; raanni isaanii maruu mudhata sobaa, mita, waaqa tolfamaa waaqeffatu'uu fi yaada duwwaa uf keessaa burqisiisan. Kanaafuu worra raattotaa ka uduu ani isaan hin ergine maqaa kiyyaan ‹biyya keennatti beellinii fi lolli hin dhufu› jedha'aa raaga dubbatan ani Rabbi akka isaan lolaa fi beelaan dhuman godha. Baniin isaan waan kana raaganiif maruu beelaa fi woraanaan dhuman; reeffi isaan maraatuu karaa Yerusaalemii maraa irratti gatama, ka isaan awwaalu hin jiru; wonti kun haawwota manaa isaanii, ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa maruu uduu hin hafne isaan maraa irrattuu ta'a; haguma yakka isaaniitiin adabbii isaan barbaachisu isaanii kenna.» Waan kanaaf Rabbi bani'itti akkana jedhee akka himu na ajaje. «Baniin kiyya guddisee madaayeera; guddisee miidhameera; kanaaf halkanii fi guyyaa uduu wol irraa hin kunne booya; ija tiyya keessaa imimmaan hin qooru. Ani yoo gara raasa'aa bayu reeffa namoota ajjeessanii arga; yoo gara qacha'aa deebi'u worra beelayanii du'u'uuf dhidhiitatan arga; worri raattotaatii fi gadoonni hajaa ufii callaa duukaa bu'an; garuu waan godha'aaran hin beekan.» Yaa Rabbi! biyya Yihuuda'aa sirima jibbu'uuf taataa? banii Tsiyooniillee akka jibbiteen dhiisu'uuf taataa? wonti ati akka nu hin fayyinetti nu miiteef maali'i? nu nagaya arganna jennee abdannee turre, garuu waan mishaa woyiituu hin arganne; nu fayyinna arganna jennee abdannee turre, garuu raafamni nutti baay'ata'aa deeme. Yaa Rabbi! nu si yakkineerra; kanaafuu cubbuu keennaa fi cubbuu abboota teenna ta duriitiif si afo'otti aagii galla. Nu hin tuffatinii dubbii abdii keetii yaadadhu; Yerusaalemii teessoo ulfinnaatii fi gaachena keetii taate hin salphisin; waadaa nu woliin galte qaabadhu. Waaqolee tolfamaa ormaa keessaa ka rooba roobsuu danda'u tokkollee hin jiru; samiin fedha ufiitiin tiifuu hin tiifu; Rabbi Waaqa keenna! ka waan kana maraa godhu si'ii nu si abdanna. Kanaan maayessa Rabbi akkana naan jedhe, «Yoma Muuseenii fi Saamu'eel na afoo dhaabatanii waan banii kanaatiif na worwaatan ani banii kanaa hin araaramu; kanaafuu akka isaan na irraa fagaatan godhi. Yoo isaan ‹essa deemna ree?› jedhanii si gaafatan waan armaan dura ‹worri bala'aan akka du'an isaanitti murtaaye bala'aan du'an! worri lolaan akka du'an isaanitti murtaaye lolaan du'an! worri beelaan akka du'an isaanitti murtaaye beelaan du'an! Worri booji'amanii akka hidhaman isaanitti murtaaye gara hidha'aa haa deemanii› jedhee sitti hime san isaan qaabsisi. Ani Rabbi wonti hamaan afurii akka isaan irra gawu murteesseera; kanaafuu, isaan lolaan du'an; reeffa isaanii sariintu harkisa; foon isaanii allaatti'itu nyaata; ka hafe garuu busaaya'atu qorga. Waan hamaa Minaasee ilmi Hisqiyaasii bara biyya Yihuuda'aa irratti mooye Yerusaalemiin irratti hojjateetiif sababaa miidhaa isaan irra gayuutiif baniin adunyaa kanaa akka guddisee hucuucamu godha.» Rabbi akkana jedha, «Isin banii Yerusaalemii! eentu garaa isinii laafa? eentu isinii gadda? hennama diqqo'oof dhaabatee ka waan keessaniif waa gaafatu eennu? Isin bee na dhiiftaniirtanii; uf duuba deebitaniirtan; ammaa achi isinii hin araaramu; Ani harka kiyya diriirsee isin bulleessa. Akkuma qilleensi buraa bittinneessu ani qachoota biyyattii keessa jiran keessa isin bittinneessa; isin baniin kiyya waan hamaa irraa waan deebi'uu diddaniif isin balleesse; akka ijoollee teessanillee ajjeesan godhe. Dubartiin abbaa worraa ajjeefatan ta biyyattii teessan keessa jiran baay'inni isaanii xidhacha qarqara galaanaa caaleera; guyyaa goga'aan akka haawwonni qacaleen du'an godha; isaan irratti yoma san rakko'oo fi hucuucama guddaa fida. Haati ijoollee torban ufii dhabde, guddiftee abdii kutattee hafuurri isi'ii adda cite; guyyaan itti dukkanaayeera; saallinii fi salphinni isii irra gayeera; ta lubbu'uun jirtullee akka diintonni teessan isii ajjeesan godha; ani Rabbi waan kana dubbadheera.» Bade haadha tiyya! maaf na deette? hireen kiyya banii biyyattii tana keessa jiraatan maraa woliin wol mormu'uu fi wolitti nyakkisuu ta'eera; ani horii eennuullee hin liqeessine; eennuun irraallee hin liqeeffanne; garuu namni maruu na abaara'aara. Kanaan maayessa Rabbi akkana jedhe, «Ani dhugamaan kaayoo gudda'aaf si oolcha; hennaa rakko'ootii fi hennaa muddamsu'uu akka diintonni tee si shelatan godha. Isin banii Yihuuda'aa! isin akkuma sibiila sibiila diima'aan wolitti makame cabsuu hin dandeenne akkasuma balaa diinni gara kaabaatii isinitti miixuun uf irraa dhoogguu hin dandeettan.» Rabbi akkana naan jedhe, «Sababaa isin biyyattii keessatti cubbuu hojjattaniif qabeennaa fi horii isin qabdan maraa gatii tokko malee dabarsee diinaa kenna. Lolli kiyya akka ibidda hin dhaamneeti; kanaafuu isin biyya ormaa keessatti akka garboota diintota keessanii taatan godha.» Anillee akkana jedheen, «Rabbii kiyya! ati waan maraa hin beetta; yabo'oo na qaabadhuu na gargaari; worra na ari'an haluu naa bayi; ati waan guddiftee obsituuf na hin balleessin; ani wonti hagana mara arrabameef maqaa keetiif. Rabbi Waaqa banii maraa! Ani maqaa keetiin si waameera; hennaa dubbiin kee gara kiyya dhufe maraa fudhadhee garaan kiyya guddisee gammadeera. Ani gammada'aa worra akka fedhan ta'an woliin goshoo hin taane; isaan woliinillee hin gammanne; waan lolli kee na irra jiruuf hojjuma kiyya taa'e. Wonti dhukkubbiin kiyya hin fayyinee fi madaan kiyyallee wolitti deebi'ee hin fayyineef maali'i? akka yaa'a bisaanii ka hennaa bonaa goguutitti abdii na kutachiiftaa?» Kanaafuu Rabbi akkana jedhee naa deebise, «Yoo deebite si deebisa; tajaajilaa kiyya taata; waan kabajjamaa waan salphataa irraa yoo gara gara baafatte, akka jecha afaan kiyyaa taata; bani'itu gara kee deebi'a malee ati gara isaanii hin deebitu. Akka isaan mooyachuu dandeettu akka dallawa sibiila diima'aan ijaarameetitti si jabeessa; ani si oolchu'uu fi si fayyisu'uuf waan si woliin jiruuf yoo siin lolanillee si hin mooyatan. Worra hammeeyyii irraa si oolcha; worra garaa jabaatan jalaallee si baasa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Rabbi ammallee akkana naan jedhe, «Ati hulee kanatti intala fuutee ijoollee hin uumatin. Ijoollee asitti dhalatanii fi waan maatii ijoollee tana uumatan irra gawu sitti hima. Isaan maruu dhukkuba hama'aan dhuman; ka isaanii booyuu fi ka isaan awwaalu sirima hin jiru; reeffa isaanii akkuma kosi'ii raasa'atti tuulan; woraanaa fi beelaan dhuman; reeffi isaanii nyaata allaattii samii irra bararuu fi busaaya'aa ta'a. «Mana booyaa hin seenin; eennuufillee hin gaddin; ammaa achi ani banii kiyyaa nagaya kennu'uun hin eebbisu; jaalalaa fi araara daangaa hin qabne isaanitti hin mudhisu. Dureeyyiinii fi hiyyeeyyiin biyya tana keessa jiran maruu hin dhuman; worra booya'aa isaan awwaalu hin argatan; isaanii gaddee ka fuula ufii taraaruu fi ka mataa ufii haadatu hin jiru. Namni jaalalloon du'ee buddeena qabatee dhaqee ka isa woliin nyaatee dhugee isa jajjabeessu hin jiru; ka biraa dhiisiitii nama abba'aa fi haati jalaa du'an namni jajjabeessu hin jiru. «Gara mana affeerra'aa ka namni wol gayee itti gammaduullee hin dhaqin; isaan woliin nyaattee dhugu'uuf hin taa'in. Waan ani Waandhi banii maraa Gooftaan Israa'elii siin jedhu dhagayi; bara ufii jirtu kana keessatti laagaan gammachu'uutii fi ka burraaqu'uu, laagaan cidhaatii fi ka cidhaa akka hin dhagayamne godha. «Hennaa ati waan kana maraa isaanitti himtu ‹nu maal balleessinaan Rabbi adabbii guddaa hagana gawu nutti murteesse? maal balleessine? cubbuun nu Rabbii Waaqa keenna afo'otti hojjanne maali'i?› jedhanii si gaafatan. Hennaa san Rabbi akkana isiniin jedha isaaniin jedhi, ‹Abboonni teessan ta durii na irraa fooyamanii waaqolee tolfamaa sobaa waaqeffata'aa tajaajilan; ana hin dhiisan; seera kiyyallee hin raawwanne. Isin garuu waan hamaa abboonni teessan ta durii hojjatan caalu hojjattan; isin maruu worra morkatuu fi worra didu taatan; anaa hin ajajamne. Kanaafuu biyya tanaa isin baasee gara biyya isinii fi abboonni teessan ta durii hin beennetti isin gata; achitti halkanii fi guyyaa waaqolee tolfamaa sobaa waaqeffattan; ani sirima isinii hin araaramu.› » Rabbi akkana jedha, «‹Barri isaan Rabbii jiraataa banii Israa'elii biyya Misiriitii baase› jedhanii hin kakanne hin dhufa. Bikka san ‹Rabbii jiraataa banii Israa'elii biyya kaabaatii fi biyya biraa ka hulee isaan itti facaase maraa isaan deebise› jedha'aa kakatan; gara biyya isaaniitii fi gara biyya abboota isaanii ta duriitii kennee isaan deebisa; ani Rabbi waan kana dubbadheera.» Rabbi akkana jedha, «Ani namoota banii kana akka qurxummi'iititti isaan qabuu fi akka bineensaa isaan dhadhoolu isaanitti erga; isaan gaarranii fi tulloota, holqa dhaga'aa keessa deema'aa dhadhoola'aa isaan qaban. Ani waan isaan godhan maraa hin arga; wonti na jalaa dhokatu tokkollee hin jiru; cubbuun isaanii maruu na jalaa hin dhokanne. Isaan akka waan du'ee waaqolee tolfamaa lubbuu hin qabneen lafa kiyya waan batteessanii fi waaqolee tolfamaa sobaa biyyattii keessa waan guutaniif, waan cubbu'uu fi hammeenna isaaniitiif dachaa isaan adaba.» Yaa Rabbi! ka na eeguu fi ka na jabeessu si'i; ati hennaa rakko'oollee irkoo kiyya; baniin daangaa lafaatii sitti dhufanii akkana siin jedhan; «Abboonni teenna ta durii waaqolee tolfamaa sobaa malee womaa hin qaban; waaqoleen tolfamaan isaanii maruu duwwa'a; womaa hin fayyadan. Dhugamaan namni Waaqa ufiif hojjachuu hin danda'aa? ee, garuu Waaqa dhuga'aatii miti. «Kanaafuu baniin maruu hunna kiyyaa fi guddinna kiyya akka lamuu hin irraanfannetti akka beekan isaan taasisa; akka ani Rabbiin ta'ellee hin hubatan.» Rabbi akkana jedha, «Isin banii Yihuuda'aa! cubbuun keessan qalama sibiilaatiin barreeffameera; dhagaa jabaa gatii gudda'aa ka qara qabuun akka waan gabatee irratti barreessaniititti onnee teessanii fi buuchoo ciincaa irratti dhiyeessan irrattillee bocameera. Biyya marattuu gaarranii fi tulloota irratti akkasuma baniin mukkiin gugurdaa jalatti dhaloonni maruu utubaa hulee ciinca'aa dhaabee waaqa tolfamaa asheeraa jedhamuu sagadan. Sababaa biyya keessan marattuu cubbuu guddaa hojjattaniif hori'ii fi qabeenna isin qabdan maraa akkasuma bakka ciinca'aa keessan maraa diintonni teessan booji'anii akka isin jalaa fudhatan godha. Isin akka ani aaree akka ibidda bobawuu waan na gootaniif baraa haga bara baraa aariin kiyya waan bobawuuf akka isin lafa ani isinii kenne dhabdanii fi biyya hin beenne keessatti akka diintota teessanii hojjattan isin taasisa.» Rabbi akkana jedha, «Namni na dhiisee nama abdatuu fi ‹hunna naa ta'a› jedhee ka foon uffata'aan dhaadatu ka abaarame haa ta'u. Namni akkanaa kun lafa sooqiddaa ka namni irra hin jiraannee fi akka saatoo lafa gammoojji'iititti biqileeti; bara jireenna isaa maraa waan mishaa hin argatu. «Namni ana callaa hedatee jiraatu garuu ka eebbifame. Inni akka muka bisaan yaa'u biratti dhaabaniitii fi akka muka bisaan biraa ka hidda ufii gad fageeffateeti; munni akkanaa ka hennaa maraa lalisee jiraatu kun holataan adu'uutuu isa hin sodaachisu; yoma roobnillee roobuu baate daraaraa daraaruu hin dhiisu. Onneen namaa waan maraa caalaa hamtu'uu fi dabdu'u; dhossaa isii keessa jiru eentu beeka? Ani Rabbi garuu sammuu namaatii fi onnee namaa hin qora; nama maraafuu akka jireenna isaatii fi akkuma hujii isaatiin gatii isaa kenna.» Namni seera malee qabeenna wolitti qabatu, akkuma gogorrii uduu kallee ufii hin buufne kallee biraa ammattee yaafattuuti; Inni umurii ufii wodhakka'atti qabeenna wolitti qabate maraa dhaba; dhuma irratti gowwummaan isaa addaataa baya. Huleen manni woyyuun keenna itti ijaarame duruma irraa jalqabee akka teessoo ulfinnaa ka ol fagaatuuti. Yaa Rabbi! ati abdii Israa'eliiti; worri si dhiisan maruu hin saalfatan; isaan si'ii Rabbii burqaa bisaan jireennaa isaanii taate waan dhiisaniif akka maqaa lafa daara'aa irratti barreessaniititti badan. Rabbii kiyya! na fayyisi hin fayyaa; na hambisi nagayaan jiraadhaa; hennaa maraa si galatoonfadhaa. Baniin, «Ermiyaas! waan Rabbitu dubbate jette nutti himteerta; maaf hin raawwatamne ree» jedha'aa na gaafatan. Garuu Rabbii kiyya! akka ati isaan irratti balaa fidduuf hennaan si qaabsise hin jiru; ani akka rakkinni isaanitti dhufu hin hawwine; yaa Rabbi! ati waan kanaa fi waan dubbadhe maraa hin beetta. Ati hennaa rakko'oo waan irkoo naa taateef na hin naasisin. Yaa Rabbi! worra na ari'an salphisi; ana garuu na hin saalfachiisin; akka isaan raafaman godhi; ana garuu na hin naasisin; haga isaan sirima caccabanii bututanitti deddeebi'ii isaan balleessi. Rabbi akkana naan jedhe, «Ati gara balbala bayaa galaa mootii Yihuuda'aa gara balbala dallawa Yerusaalemiitii fi gara balballan biraa dhaqii dhaabadhu. Dubbii ani sitti himu akkana jedhii isaanitti himi, ‹isin mootonni Yihuuda'aatii fi baniin! akkasuma worri balbala dallawa qachattii Yerusaalemii seentan! dubbii Rabbii dhagayaa'a! Lubbuu teessan oolfatu'uuf waan ani isin seere eegaa'a; kanaafuu guyyaa sambataatiin ba'aa tokkollee baattanii balbala dallawa Yerusaalemiitiin hin seeninaa'a. Isin akkuma ani abboota teessan ta durii ajajetti sambata woyyoomsaa malee ba'aa tokkollee baattanii guyyaa Sambataa mana keessanii hin bayinaa'a; guyyaa Sambataatiin womaa hin hojjatinaa'a. Abboonni teessan ta durii dubbii kiyya hin dhageenne; ajaja kiyyallee hin raawwanne; caala'atti morkatanii naa ajajamu'uu fi na irraa barachuullee didan. «‹Eeganaa yoo ka na dhagayan ta'e akka baniin kun seera kiyya eegan isaanitti himi; guyyaa Sambataatiin ba'aa woyiituu baadhatanii balbala qachatti'iitiin akka hin seenne; guyyaa Sambataa haa woyyoomsanii malee guyyaa san womaa akka hin hojjanne. Mootonni teessoo ulfinnaa ka Daawitii irra taa'an worra baallii qaban ka isaanii balballan Yerusaalemiitiin seenan; isaan banii Yihuuda'aatii fi banii Yerusaalemii woliin wol ta'anii farado'oo fi konkolaataa fardaa irra taa'an; qachaan Yerusaalemii hennaa maraa ka baniin keessa jiraatu taati. Baniin qachoota Yihuuda'aatii fi gandiin naannaya Yerusaalemii jiran keessatti wol gayan kutaa gosa Biiniyaamii keessa tulloota jalaa gaarranii fi Yihuudaa gara kibbaatiillee dhufanii ciincaa ciincawuu fi ciincaa biraa, kennaa midhaanii, hixaanaa fi kennaa galataallee qabatanii mana woyyuu kiyyaa fidan. Isaan naa ajajamuu fi guyyaa Sambataa woyyoomsanii kabajjuu isaan barbaachisa; guyyaa kana garuu balballan dallawa Yerusaalemiitiin ba'aa woyiituu baatanii seenuun isaan hin barbaachisu; yoo ajaja kiyya fudhatuu didanii waan kana raawwatan garuu seensi balbala Yerusaalemii akka ibiddaan gubatu godha; manniin mootumma'aa ka Yerusaalemiillee gubatanii bobayan; ka ibidda san dhaamsuu danda'u hin jiru.› » Dubbiin Rabbiin biraa gara Ermiyaasii dhufe kana; «Ka'ii gara mana nama faara dhawuu dhaqi; achitti ergaa kiyya sitti himaa» Anillee ka'ee hennaa achi dhaqu inni gabatee dhaga'aa ka boolla adda addaa qabu keessatti ka faara dhawu arge; ka meeshaan faaraa inni dhawu sun isa harkatti badee deebi'ee meeshaa biraa hennaa hojjatu arge. Hennaa san Rabbi akkana naan jedhe, «Banii Israa'elii! akkuma namni faara dhawu meeshaa ufii dhawu san akka ufii fedhetti dhawu ani waan barbaade isin irratti godhuu hin danda'uu? akkuma meeshaan faaraa nama isa dhawu harka jiru isinillee na harka jirtan. Ani banii tokko yookaan mootummaa hennaa ‹si buqqisa yookaan caccabsee si balleessa› jedhee dubbadhe; Baniin sun gaabbee yoo ka hammeenna ufii irraa deebi'u ta'e waan hamaa isaanitti fida jedhee yaade san isaan irratti hin raawwadhu. Ani banii tokko yookaan mootummaa hennaa ‹si dhaaba yookaan si ijaara› jedhuun, baniin sun ka naa hin ajajamnee fi ka hammeenna ufii irraa hin deebine yoo ta'e waan mishaa isaanii godhu'uuf yaade san isaanii hin raawwadhu. Kanaafuu ani isaan adabu'uu fi waan hamaa isaan irratti raawwachuu akka danda'u banii Yihuuda'aatii fi banii Israa'eliititti himi; akka cubbuu hojjachuu dhiisan, jireenna ufiitii fi hujii ufii akka jijjiiran isaan gorsi. Isaan garuu ‹maaf waan kana goona? siri'ii waan dura karoorfanne maraa caalaa worra morkatuu fi worra didu ta'uu hin dandeenna› jedhanii sii deebisan.» Kanaafuu Rabbi akkana jedha, «Banii akkanaa kana keessatti yoo dhagayamee jiraate mee gaafadhaa'a; baniin Israa'elii ka fooyame waan hamaa nama jibbisiisu hojjataniiran. Gaarran Libaanosii hennaan barada'aan hin uwwifamne hin jiraa? burqaawwan bisaan qabbanaayaan gaarran kana irraa gad yaa'u gogee beekaa? Baniin kiyya na dhiiseera; waaqolee tolfamaa duwwa'aaf hixaana aarsan; waaqoleen tolfamaan kunniinillee akka isaan karaa hin beenneen deeman isaan godhaniiran; gufatanii karaa duraan deeman san dhiisaniiran. Lafti isaanii baraa haga bara baraa gammoojjii mammaakaa taati; worri ladda isi'ii lufan maruu balda'aa mataa ufii raasan. Akkuma qilleensi baya biiftu'uu daaraa bittinneessu; Ani banii kiyya diintota isaanii afo'otti isaan bittinneessa; Ani fuula kiyya isaan irraa gara galfadhee dudda kiyya isaanitti kenna; hennaa badiin isaanitti galte ani sirima isaan hin gargaaru.» Banii keessaa namoonni gari gariin, «Koottaa Ermiyaasiin irratti mura murannaa! gadoota seera Rabbii barsiisan, worra ogeeyyii nama gorsanii fi raattota hennaa maraa ergaa Rabbii himan hin argannaa; kanaafuu ammaa achi waan Ermiyaasii dhagayuu dinnee dubbima inni dubbatuun isa qabnee dubbima isaatiin isa haa himannuu» woliin jedhan. Kanaafuu ani akkana jedhee kadhadhe, «Yaa Rabbi! kadhaa kiyya naa dhagayi; waan hamaa diintonni tiyya na irratti dubbatan dhagayi. Eeganaa gatiin hujii misha'aa waan hamaa godhu'uu? ani akka ati isaaniin hin lolle isaanii fi si jidduu dhaabadhee si kadhadhe qaabadhu; isaan garuu boolla ani itti kufu naa qotan. Waandhana! amma ijoolleen isaanii akka beelaan dhuman, isaanillee akka woraana irratti kufan godhi; dubartoonni isaanii abbaa worraatii fi ijoollee hin argatin; dhiirti isaanii dhukkubaan, ka'imman isaaniillee woraanaan haa dhumanii. Dimmaa worra isaan miidhu isaanitti ergi; manni isaanii mana booyaa haa ta'u; isaan boolla ani itti kufu naa qotaniiran; qolaa naan qaban na jalatti darbaniiran. Waandhana! mura isaan na ajjeesu'uuf dharaan natti muratan ati hin beetta; kanaafuu yakka isaanii isaanii hin dhiisin; cubbuu isaaniillee isaanii hin araaramin; isaan si afo'otti akka mooyatamanii fi lola kee gudda'aan akka badan godhi.» Rabbi akkana naan jedhe, «Deemii nama faara dhawu irraa waabaa bitadhu; bani'ii fi worra gadootaa keessaa namoota jajjabaa filadhuu akka si woliin deeman godhi. Gara karaa bakka faara caccabeetiin gara dhooqa Heenoomii dhaqi; dubbii ani achitti sitti himu akkana jedhii labsi; ‹Isin mootonni biyya Yihuuda'aatii fi baniin Israa'elii maruu waan ani Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii isinitti himu dhagayaa'a; ani balaa yoo dhagayan nama rifachiisu fida. Wonti ani waan kana godhuuf baniin waan ana dhiisanii fi waaqolee tolfamaa biraatii ciincaa dhiyeessa'aa hulee kana waan batteessaniif; isaan, abboonni isaanii ta duriitii fi mootonni biyya Yihuuda'aallee waan waaqolee tolfamaa kanniinii womaa hin beekan; kana callaa uduu hin taane namoota balleessaa hin qabne ajjeesa'aa huleen kun akka dhiigaan battaayu godhaniiran. Ijoollee ibidda irratti ciincaa godhu'uuf hulee ciinca'aa waaqolee tolfamaa ba'aaliif hojjataniiran; ani akka isaan waan kana godhan isaan hin ajanye; ani sirima waan kana hin yaanne. Kanaafuu huleen kun ka Toofeeti yookaan dhooqa Heenoonii jedhamu sun hafee hennaan dhooqa qalmaa jedhamee waamamu hin dhufa. Ani waan baniin Yihuuda'aatii fi baniin Israa'elii hulee kanatti hojjachu'uuf karoorfatan akka hin raawwatamne godha; akka diintonni isaanii isaan mooyatanii fi akka woraanaan isaan fixan godha; reeffa isaanii akka allaatiin samii irra bararuu fi busaayaan lafa irraa nyaatu godha. Ani qachaa tana diigee lafatti isii tuula; ka karaa san irra lufu maruu nayee rifata; rakkoo isii irra gaye kana argee maalalfata. Diinni qachattii marsee banii fixu'uuf isaan rakkisa; hennaa san wonti nyaatan dhumee baniin waan beelawuuf ufumaa wol nyaatan; siri'ii abboonni foon ijoollee ufii nyaatan.› » Kanaan maayessa Rabbi namoota na woliin deeman afo'otti akka waabaa san cabsu na ajaje. Dubbiin Waandhi banii maraa akka isaanitti himuuf na ajaje kana; «Akkuma waabaan faaraa ka cabe kun deebi'ee wol qabatuu hin dandeenne ani banii kanaa fi qachaa tana akkuma kana isaan caccabsa; worri namni isaan jalaa du'e hulee itti awwaalatan waan hin qabneef Toofeetimatti isaan awwaalan.» Rabbi akkana jedha, «Akkuma Toofeetiin irratti godhe akkasuma qachaa tanaa fi worra qachaa tana keessa jiraatan irrattillee godha; Manniin banii Yerusaalemiitii fi manniin mootonni biyya Yihuuda'aa keessa jiraatan akkasuma ginnoo manaa gubba'aatti loltoota sami'iitii fi hixaana aarsanii fi manniin waaqolee tolfamaa ormaatiif daadhii woyini'ii dhibaasan maruu akkuma Toofeetiititti battaayan.» Kanaan maayessa ani Toofeetii hulee Rabbi dubbii itti dubbadhu jedhee na ajajee deebi'ee dhufe; hulee baya mana woyyuu Rabbii afoo dhaabadhee, «Waandhi Israa'elii Gooftaan banii maraa ‹isaan morkattoota ta'anii waan dubbii kiyyaa hin ajajamneef balaa isinitti fida› jedhee isaanitti hime qachaa tanaa fi worra naannoo isi'ii jiraatan maraa irratti fida.» jedhee isaanitti hime. Hennaa ilmi Imeerii Paashuur bulchaan mana woyyu'uu hennaa ani waan kana dubbadhu dhagaye; akka qabanii na tuman ajaje; mana woyyuu cinaa gubba'aatiin balbala kolba dallawa Biiniyaamii gudeelchatti akka na hidhan godhe. Barsiisaa san haga hidhaa haada sibiilaa na irraa hiikeen maayessa «Ammaa achi Rabbi Paashuur siin hin jedhu maqaan inni sitti baase ‹raafama bakka maraati› ka jedhu. Rabbi sii fi goshoota teetiifillee nama raafamaa si taasisu'uuf ta'a; ati hennaa isaan maruu guraadee diintota ufiitiin dhuman hin argita; banii Yihuuda'aa maraa baallii mootummaa Baabiloonii jala isaan taasisa; inni banii garii hidhu'uuf gara Baabiloonii fida; worra hafan garii garuu asumatti isaan ajjeesa. Akkasuma diintonni isaanii qabeenna qachaa tanaa maraa akka saaman, qabeennaa fi meeshaa isaan kuufatan maraa, galmee qabeenni mana meesha'aa ka biyya Yihuuda'aallee uduu hin hafne maraa haxaayanii gara Baabiloonii akka fidan godha; Paashuur! ati fi maatiin kee maruu uduu hin hafne booji'amtanii gara biyya Baabiloonii dhaxxan; worra ati sobaan raaga dubbattee fi jaalalloota tee woliin achitti awwaalamta.» Yaa Rabbi! ati na sobde; anillee hin sobame; ati na caalaa jaba'a; hunni keellee guddisee na irratti gudda'a; namni maruu guyyaa guyya'aan na riqa'aa natti dhaadatan. Ani hennaa dubbadhu maraa wonti ani dubbadhu didda'aa fi balleessa'a; Waandhana! dubbii raagaa ka ati natti dubbatte waan raageef, ani hennaa maraa hin arrabama; nama itti baldan ta'eera. Garuu ani hennaa «Rabbiin hin qaabadhu, maqaa isaatiinillee homaa hin dubbadhu» jedhu dubbiin raagaa ka inni naa kenne akka ibiddaa na keessaa bobaya; uf keessatti dhossee qaba jedhee yoo yaadellee ukkaamsee qabuu hin danda'u. Namoonni hedduu sodaatanii hasaasa'aa hennaa «nu amma Ermiyaasiin himachu'uuf hennaa misha'a!» jedhan dhagaye; worri jaalalloo isaati jedhamanuu dogoggora kiyya eegan; Maal laataa Ermiyaas sobamuu danda'a; yoo ka sobamu ta'e qabnee haluu baanaan» jedhan. Rabbi garuu akka loltuu gar jabeessaa fi jannaatitti na woliin jira; kanaafuu worri na ari'an dadhabanii gufatanii akka malee kufanii guddisanii salphatan; salphinni isaanii hennaa dheeraa yaadatama. Waaqa banii maraa! ati nama qajeelaa qortee adda baafatta; yaada gad fagoo garaa namaallee hin qorta; iyyannoo kiyya sitti dhiyeeffadheera; kanaafuu hennaa diintota tiyya haluu baatu akka argu na taasis. Rabbii faarfadhaa'a! Gooftaa galatoonfadhaa'a! Inni rakkattoota hunna namoota hammeeyyi'ii jalaa hambisa. Guyyaan ani itti dhaladhe ka abaarame haa ta'u! guyyaan haati tiyya itti na deette sun guyyaa eebbaa hin ta'in! Namni abbaa kiyyaan, «Ilmi sii dhalateeraa gammadi!» jedhee hime sun abaaramaa haa ta'u! Namni sun akka qachoota Rabbi araara malee balleessee ta'ee haa hafu; ganamaan huuruu booyaa haa dhagawu; guyyaa oduu lolaatiin haa raafamu. Maal uduu gadaamessi haadha tiyyaa na ajjeesee awwaala naa ta'ee achitti hafee! silaa gadaamessi haadha tiyyaa awwaala guddaa naa ta'ee jiraata. Ani maaf gaddaa fi dadhabbii argu'uuf, bara kiyyallee salphinnaan fixu'uuf dhaladhe? Sedeqiyaas mootiin biyya Yihuuda'aa ilma Malkiya'aa Paashuurii fi Sofoniyaasii gadicha ilma Ma'iseya'aa gara kiyya ergee, «Mootiin biyya Baabiloonii Nabukadanatsoor loltoota ufii woliin qachatti'iin lolu'uuf marseera; kanaafuu maal laataa gargaarsa ufiitiin nu woliin ta'ee hujii ufii ka maalale'ee mudhisa'aa yoo ka Nabukadanatsooriin nu irraa deebisuu Rabbiin nuu gaafadhu» jedhanii akka na gaafatan godhe. Hennaa san Rabbi dubbii ufii waan natti himeef namoota ergamanii gara kiyya dhufaniin akkana jedhe, «Rabbi Waandhi Israa'elii akkana siin jedha, ‹Sedeqiyaas! ani meeshaa ati moototaa fi worra Baabiloonii ka dallawa duubaan si marsaniin woraantu meeshaan sun deebi'ee akka si miidhu godha; meeshaa lolaa sanillee akka qachattii keessatti tuulamu taasisa. Ani ufumaa lola kiyya ka akka ibiddaa bobawuun, adabbii gudda'aan, hunnaa fi baallii kiyyaan si woraana. Ani worra qachaa tana keessa jiraatan maraa dhayee namootaa fi horiillee wolumaan fixa. Ani si'ii fi bulchoota woraanaa ka balaa irraa hafan, worra lolaa fi banii beela irraa hafan maraa akka mooticha Nabukadanatsoorii fi diintota si ajjeesu'uuf barbaadaniin booji'amtan godha; inni araara yookaan garaa laafee nama tokkollee sii hin dhiisu; ka waan kana dubbate ana Rabbi jedha› jedha'aatii Sedeqiyaasitti himaa'a» jedhe. Kanaan maayessa Rabbi akka bani'itti himu akkana jedhee na ajaje, «Isin na dhagayaa'a! ani Rabbi karaa gara jireennaa fiduu fi karaa gara du'aa nama geessu isin afoo kaayeeraa, lamaan keessaa tokko filadhaa'a; Worri qachattii tana keessatti hafan maruu lolaan, yookaan beelaan yookaan dhibee hama'aan du'an; namni worra Baabiloonii ka amma qachattii tana marsaniiranii dhaqee harka kennate garuu hin du'u; yoo wonti biraa hafe lubbuu ufii hin oolfata. Ani akka qachaan tun baddu murteesseera; sirima isi'ii hin araaramu; mootii biyya Baabilooniititti dabarsee isii kenna; inni ibiddaan isii guba; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Dubbiin Rabbi worra fiixaa Daawitii maatii mootota Yihuuda'aatitti akka himu na ajaje kana; «Waan ani Rabbi isinitti himu dhagayaa'a; guyyaa maraa akka handhi yookaan handhi hin banne godhaa'a; namni tokko nama biraa saamee akka dhara irratti hin hojjanne eegaa'a; yoo waan kana godhuu baattan garuu sababaa isin waan hamaa hojjattaniif lolli kiyya akka ibiddaa bobaya; ka dhaamsuu danda'u hin jiru. Ati Yerusaalem! akkuma dhagaa raasaa keessatti argamuutitti dhooqaa olitti ol jettee mudhatta; garuu ani siin lola; ati garuu waan namni tokkollee si ugguu fi ka kushee kee cabsee seenu waan jiru hin seetu. Garuu ani waan ati goote maraaf si adaba; manni mootumma'aa keellee akka ibiddaan gubatu godha; ibiddi sun waan naannaya sanitti argamu maraa gubee balleessa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» «Ani Rabbi akka murtii qajeela'aa fi waan dhuga'aa gootan isin ajajeera; namni tokko nama biraa irraa waa saamee akka dhara hin hojjanne eegaa'a; worra isinitti galan, ijoollee haatinii fi abbaan jalaa du'anii fi dubartoota abbaan worraa jalaa du'an rakkiftanii barsee hin godhatinaa'a; hulee woyyuu kanatti dhiiga nama qulqullu'uu hin jissinaa'a. Akkuma ani isaan ajaje yoo gootan fiixaan Daawitii teessoo ufii ka ulfinnaa irraa hin bu'an; akkuma hennaa maraa worra bulchoota bani'iitii fi banii woliin farado'oo fi konkolaataa fardaa irra taa'a'aa gara mana mootumma'aa balbalaan seenuu hin dandeettan. Yoo ka ajaja kiyya hin raawwanne ta'e garuu manni woyyuun kun diiggamee akka jigu ufiin kakadhee isinii mirkaneessa; ani Rabbi waan kana dubbadheera. «Manni mootumma'aa ka mootota Yihuuda'aa akkuma biyya Gala'aadiitii fi gaarran Libaanosii ka anaaf bareede; garuu ona eennullee keessa hin jiraanne taasisa. Ani namoota isa diigan erga; isaan dhagaraa ufii qabatanii dhaqanii utubaa mukkiin Libaanosii babbareedaa irraa hojjatame muranii ibiddatti isaan gatan. «Kanaan maayessa namoonni hedduu biyya alaa ka karaa saniin lufan, ‹wonti Rabbi qachattii guddoo tana irratti balaa kana fideef maal ta'inna laata?› jedha'aa wol gaafatan. Sababaa isin waadaa ana Waaqa keessan woliin galtan diiddanii waaqolee tolfamaa ormaa waaqeffattanii fi tajaajiltan akka ta'e hubatan.» Banii Yihuuda'aa! waan mootii Iyyoosiyaasiitiif hin booyinaa'a; du'a isaatiifillee hin gaddinaa'a; garuu ilmi Iyyoosiyaasii Shaaluum gara hulee lamuu hin deebinee waan isa fidaniif, biyya itti dhalatellee deebi'ee waan hin argineef; isaaf mararama'aa booyaa'a. Rabbi waan Shaaluumii ilma Iyyoosiyaasii ka biyya Yihuuda'aa irratti bikka abba'aa mooyeetiif akkana jedha, «Inni gara biyya fago'oo ka lammata deebi'ee hin deebinee dhaqa; Biyyuma itti booji'ame sanitti waan du'uuf inni lammata deebi'ee biyya tana hin argu.» Nama dabaan mana ijaarsifatu, ka dhiibba'aan mana mana gubba'aa ijaarsifatu, ka hojjata'aa gatii dadhabbii hunna isaanii uduu hin kaffalleef hujjisiifatuu hobbaas! Namni kun «Ani ufiif mana guddaa gamoo woliin ijaaradha; akkasuma foddaa babadhaa itti godha; mana muka babadhaa Libaanosiitiin bareechisa; qalama guddisee diimatuun diba» jedha. Ati waan namoonni kuuwwan hojjatan caalaa muka mimmishaa Libaanosiitiin mana kee waan ijaarteef, mootii kaawwan irra waan woyyaa qabdu uf seetaa? abbaan kee nama umurii ufii guutuu gammachuu qabu ture; inni waan hennaa maraa nama kolbaatii fi nama qajeelaa ta'eef wonti inni hojjatu maruu hin qajeelaaf ture. Inni waan hiyyeeyyi'ii qajeeltoo murteessuuf wonti maruu isaa ta'a'aa ture; Rabbiin beekuun akkana. Hujiin kee garuu dhiiga namaa jissu'uu fi nama rakkisu'u; wonti ijji teetii fi onneen tee itti xiyyeeffattu sobaan bu'aa argatuu calla'a. Kanaafuu wonti Rabbi waan mootii Yihuuda'aa waan Iyyoo'aaqeemii ilma Iyyoosiyaasii jedhu kana; «Inni hennaa du'u ‹ee bada obboleessa keenna! bille'e! bille'e!› jedha'aa booya'aa isaa hin gaddan; akkasuma ‹Yaa gooftaa! mootii kiyya! bille'e!› jedha'aa namni isaa boowu hin jiru. Reeffi isaa ulfinna dhabee harkisanii dallawa karra Yerusaalemiitiin alatti gatanii akka harree itti awwaalanitti awwaalama. Banii Yerusaalemii! goshoonni teessan ta lolaa maruu waan mooyatamaniif, gara Libaanosii dhaqa'aa iyyaa'a; gara biyya Baasaaniillee dhaqa'aa booyaa'a; gaarran Moo'aabii irra dhaabadha'aatii wol waamaa'a. Hennaa isin durumma'aan jiraata'aa turtan Rabbi isinitti dubbate, isin garuu dhagayuu diddan; wonti isin jalqaba irraa godha'aa turtanillee kanuma; Rabbii ajajamuu diddan. Sababaa cubbuu hojjattaniitiif akkuma qilleensi buraa haree fudhatu, bulchoota teessanillee haranii fudhatan; goshoonni teessan ta lolaa ka isin hedattan booji'amanii gara biyya ormaa fudhataman; saalaa fi salphinnatu isin irra gaya. Amma garuu mana muka Libaanosii muranii ijaaran keessa hara baafattanii nagayaan jiraattan; garuu akka dubartii dayu'uuf ciniinsifattuutitti hennaa muddamsuun isin qabe atta ta'ittu laata? Rabbi Ikooniyaanii ilma Iyyo'aaqeemiitiin akkana jedhe, «Ani Waandhi jiraataan ati uduu qubee chaapha'aa ka harka kiyya ka mirgaa irra jirullee yoo taate ani uf irraa baasee si gata. Worra si ajjeesuu barbaadanii fi banii ati guddiftee sodaattu; jechuun mootii biyya Baabiloonii Nabukadanatsoorii fi worra Baabilooniititti dabarsee si kenna. Atii fi haati si deettellee akka baqattan taasisa; isin maruu gara biyya isin keessatti hin dhalannee dhaxxanii achitti duutan. Ati biyya tana deebitee arguu hawwita; garuu lamuu hin argitu.» Ani garuu akkana jedheen, «Mootichi Ikooniyaan akka ottee cabdee gatamtee lamuu hin barbaadamnee ta'ee? wonti inninii fi ijoolleen isaa booji'amanii gara biyya isaan hin beennee isaan fidaniif maali'i ree?» Ati lafti, lafti, lafti! dubbii Rabbi dubbatu dhagayi! Namni kun ijoollee ufii dhabee jiruun isaallee ka hin taane akka ta'u itti murteeffameera; teessoo ulfinnaa ka Daawitii dhaalu'uuf, fiixaan biyya Yihuuda'aa keessatti mooyan; isaa hin hafan jedhii galmeessi; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Rabbi akkana jedha, «Bulchoota banii Rabbii diiganii fi bittinneessanii hobbaas!» Rabbi Waandhi Israa'elii worra bulchootaa waan worra banii bulchanii akkana jedha, «Isin banii kiyya akka misha'atti eega'aa hin jirtan; eeguu caalaa isaan ariitanii bittinneessitan; kanaafuu ani hammeenna hojjattan kana maraaf isin adaba. Banii kiyya ka hafe biyya itti isaan bittinneesse maraa keessaa wolitti qabee gara biyya itti dhalatanii isaan deebisa; isaan waan ijoollee hedduu uumataniif laakkobsi isaanii eda'a'aa deema. Ani bulchota isaan eegan isaanii muuda; baniin kiyya ammaa achi soda'aa fi naasuu malee jiraatan, ani deebi'ee isaan hin adabu; yookaan isaan keessaa namni tokkollee hin dhidhatu; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Rabbi akkana jedha, «Hennaan ani fiixaa Daawitii keessaa nama balchaa filee mootii taasisu hin dhufa; mootiin sun ogumma'aan bulcha, biyya maraa irratti waan dhuga'aatii fi waan qajeelaa godha. Inni hennaa mooye baniin biyya Yihuuda'aa nagaya argata; baniin Israa'eliillee nagayaan jiraata; inni ‹Rabbi balchummaa keenna› jedhamee waamama. «Hennaan namoonni ‹Rabbii jiraataa banii Israa'elii biyya Misiriitii baase› jedhanii hin kakanne hin dhufa. Bikka san maqaa ani Rabbii jiraataa banii Israa'elii biyya gara kaabaatii fi biyya isaan itti faca'an ka gara garaa keessaa wolitti isaan qabeetiin kakatan; achiin maayessa biyya ufii keessa jiraatan.» Ani hennaa waan raattota sobaa yaadu onneen kiyya gaddaan miidhama; lafeewwan kiyyallee hin hollatan; sababaa dubbii Rabbii woyyu'uutiin ani akka nama daadhii woyini'ii dhugee machaayee gatantaruu ta'eera. Lafa irra seebartoota Rabbiin dhiisantu guuteera; raattonni hunna ufii seera malee fayyadaman; karaa hammeennaa hordofan; biyyi waan Rabbi lafa abaareef hin bootti; raasaan horiin dheedullee gogeera. Rabbi akkana jedha, «Jireenni hafuuraa ka raattotaatii fi ka gadootaa badeera; waan biraa dhiisii mana woyyuu keessattuu waan hamaa hojjatan. Kanaafuu karaan isaanii akka lafa mucucaatuu ta'eera; hennaa dukkanaan deeman karaa ufii dogoggoranii kufan; guyyaa isaan adabu ani waan hamaa isaanitti fida; ka waan kana dubbate ana Rabbi. Hujii nama jibbisiisu ka worri Samaariya'aa hojjatan argeera; isaan maqaa waaqa tolfamaa ba'aalitii raaga raaga'aa banii kiyya Israa'eliin dogoggorsan. Raattonni Yerusaalemiin keessa jiranillee waan hamaa kana caalu hennaa hujan argeera; isaan hin seebaran; soballee hin dubbatan; hujii hama'aaf namoota kakkaasan; sababa kanaaf baniin hujii hamaa ufii irraa hin deebine; kanaafuu isaan na biratti akka banii Soodomiitii fi banii Gamora'aa hammeeyyi'i. «Eeganaa ani Rabbi Gooftaan banii maraa wonti ani waan raattota Yerusaalemii jedhu kana; ‹isaan waan hafuura waakki'ii biyyattii maraa keessa facaasaniif, akka isaan baala hadhaayaa nyaatanii fi summii dhugan taasisa.› » Rabbi Gooftaan banii maraa banii Yerusaalemiitiin «Waan raattonni isiniin jedhan hin dhagayinaa'a; isaan abdii sobaatiin isin guutanii wonti isaan isinitti himan waan yaada ufiitiin eebjotan malee dubbii ani isaanitti himee miti. Isaan banii dubbii kiyya dhagawuu hin barbaanneen ‹hin sodaatinaa'a; nagaya argattanii› isaaniin jedhan; worra morkatu maraa, ‹hin sodaatinaa'a, rakkinni tokkollee si irra hin gawuu› jedhaniin. Isaan keessaa namni gumii Rabbii afoo dhaabatee ka dubbii isaa dhagayee fi ka dubbii kana xiyyeeffatee ajajame eennu? Ati hennaa lolli Rabbii mataa worra hammeeyyi'ii irratti akka dambalii dhawuutii fi akka bubbee jaba'aa bu'u laali. Rabbi waan karoorfate haga fiixaan baasuuf lolli isaa hin dhaabatu, baniin maruu durana waan kana hin hubatan jedhaniin. Rabbi akkana jedha, «Isaan fedhuma ufiitiin ariifatanii deeman malee ani raattota tana hin ergine; ani dubbii raagaa woyiituu isaanitti hin himne; isaan garuu maqaa kiyyaan raagan; isaan uduu gumii kiyya afoo dhaabatanii jiraatanii silaa dubbii kiyya bani'itti labsanii akka isaan karaa dabaa ufiitii fi hujii hammeenna ufii dhiisanii gara kiyya deebisan ture.» Rabbi akkana jedha, «Ani Waaqa dhiyo'oo calla'aa? Waaqa fago'ootiillee mitii? Ani ka sami'ii fi ardii guutee mitii? namni yoo hulee hin mudhannettillee dhokate ani hin arguu? Ani waan sobaa ka raattonni sobaa dubbatan dhagaye; ‹ani eebjuu eebjodheera; eebjuu eebjodheera› jedha'aa wocan. Raattonni sunniin raaga sobaa ka ufumaa sammuu ufii keessatti akka uumamu taasisaniin haga yoomii banii kiyya dogoggorsan? Akkuma abboonni isaanii maqaa kiyya irraanfatanii waaqa tolfamaa ba'aaliin waaqeffatan isaanillee akkasuma eebjuu eebjotan yoo wolitti himan waan baniin kiyya maqaa kiyya dagatu isaanitti fakkaata. Raattichi eebjuu eebjote yoo jiraate woma eebjote san callaa haa dubbatuu; raattichi dubbii kiyya dhagaye garuu dubbima dhagaye san amanamumma'aan haa dubbatuu; buraan qamadii woliin tokkummaa maal qaba? Dubbiin kiyya akka ibiddaatii fi akka burussaa dhagaa caccabsuuti. Raattichi tokko dubbii raattichi biraa dubbate hata'aa ‹kun dubbii Rabbiiti› jedha'aa dubbatan hin jibba. Akkasuma raattota ufumaa yaada ufii keessaa burqisiisa'aa ‹kun dubbii Rabbiiti› jedhan hin morma. Isin waan ani Rabbi isiniin jedhu dhagayaa'a! ani raattota dubbii sobaatiin makame dubbatan hin jibba; eebjuu kana dubbata'aa dhaaduu sobaa ka uf jaju'uutiin banii kiyya karaa dhuga'aatii baasan; ani isaan hin ergine, naa dhaqaa'a isaaniin hin jenne; wonti isaan bani'ii godhan hin jiru; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Rabbi akkana naan jedhe, «Ermiyaas! raaga yookaan gadichi yookaan banii kiyya keessaa namni tokko yoo ‹Ba'aan Rabbi nu irra kaawu maali'i?› jedhanii si gaafatan, ‹Ba'aan Rabbii isin waan taataniif uf afo'oo isin balleessa› jedhii isaanitti himi. Raanni, gadichi yookaan banii keessaa namni tokko ‹wonti kun ba'aa Rabbi nu irra kaaye› jedhee yoo dubbate isaa fi maatii isaallee hin adaba. Bikka san namni maruu ‹deebiin Rabbi deebise maali'i? wonti Rabbi dubbatellee maali'i?› jedha'aa jaalalloo ufiitii fi fira ufii gaafatuu isa barbaachisa. Ba'aa Rabbiititu nu irra jira jettanii sirima hin dubbatinaa'a; dubbiin Rabbii attamitti ba'aa namatti ta'a? isin garuu dubbii Rabbii jiraataa Gooftaa banii maraa dabsitan. Ermiyaas! ati raattichaan ‹Rabbi deebii maal sii deebise? maal sitti dubbate› jedhii gaafadhu. Garuu isaan keessaa ajaja kiyya diiganii ‹Ba'aan Rabbii nu irra jira› jedha'a yoo ka dubbatan ta'e, isin ‹ba'aa Rabbiititu nu irra jira hin jedhinaa'a› jedhee yoo isaanitti ergellee isaan ba'aa Rabbiititu nu irra jira waan jedhaniif. Ani ufumaa isin, isaan waan isaaniitii fi qachoota abboota isaanii ta duriitii kenne akka ba'a'aatitti baadhee uf irraa isaan gatu isaanitti himi. Ani isaan irratti qaani'ii fi salphinna baraa haga bara baraa hin irraanfatamne isaanitti fida.» Rabbi keeshee lamaan muka hurbu'uu irraa hojjatame ka balbala mana woyyu'uu afoo jiru natti mudhise; wonti inni natti mudhise kun haga mootichi Baabiloonii Nabukanatsoor Ikooniyaanii ilma Iyyo'aaqeemii mootii biyya Yihuuda'aa bulchoota Yihuuda'aa, ogeeyyii hujii harkaa hojjatanii fi ogeeyyii biraa ka waan biraa hojjatan woliin hidhee Yerusaalemii gara Baabiloonii fideen maayessa. Keeshee duraa daraaraa muka hurbu'uu ka gaye mimmishaa keessa kaayaniiran; keeshee lammeesso'oo keessa garuu daraaraa muka hurbu'uu ka shamee nyaataaf hin taanetu keessa jira. Rabbi «Ermiyaas! wonti ati laala'aartu kun maali'i?» naan jedhe. Anillee, «Daraaraa muka hurbu'uu arga'aara, daraaraan muka hurbu'uu mimmishaan guddisee bareeda; daraaraan muka hurbu'uu babbadaan garuu ka shamee badee nyaataaf hin tolle» jedhee deebiseef. Kanaafuu Rabbii akkana naan jedhe, «Baniin ani Rabbi Waandhi Israa'elii gara Baabiloonii erge akka muka hurbu'uu mimmishaa kanniinii akka ta'anitti laala. Ani akka jireenni isaanii hin banne isaan kunuunsee gara biyya tanaa akka deebi'an isaan taasisa; isaan ijaara; isaan hin diigu; isaan dhaaba; isaan hin buqqisu. Ana Rabbiin akka beekan isaan taasisa; achiin maayessa isaan garaa ufii guutu'uun gara kiyya waan deebi'aniif isaan banii kiyya ta'an; ani Waaqa isaanii ta'a. Ani Sedeqiyaasii mootii Yihuuda'aatii fi worra gorsa isaa kennan ka naannoo isaa jiran akkasuma worra Yerusaalemiin keessa jiraatan keessaa worra hafanii fi worra gara biyya Misirii dhaqan maraa akka muka hurbu'uu ka shamee badeetii fi ka nyaataaf hin tollee san isaan taasisa. Akka isaan akka worra ari'amanii baqatanii mootota biratti akka jibbaman, worra arrabaman, worra mammaakaa, worra itti baldanii fi akka muukayan isaan taasisa. Ani akka isaan lafa isaanii fi abboota isaaniitii kenne irra haga badanitti lola, akka beelaa fi bala'aan dhuman isaan taasisa.» Bara Iyyo'aaqeem ilmi Iyyoosiyaasii biyya Yihuuda'aa irratti mooyee woggaa arfeesso'ootitti Rabbi waan banii Yihuuda'aa maraa natti dubbate; hennaan inni natti dubbate mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor mooyee woggaa jalqabaatitti. Kanaafuu ani banii Yihuuda'aatii fi banii Yerusaalemiitiin akkana jedhe; «Rabbi urga gaafa mootiin biyya Yihuuda'aa Iyyoosiyaas ilmi Amoonii mooye woggaa kudha sadeesso'ootii jalqabee haga adhaa woggaa diddamii sadihiif natti dubbata'aa tureera; ani dubbii inni natti dubbate isinitti himuu hin dhiifne; isin garuu qalbi'iin hin hubanne. Raattotaa fi tajaajiltoota Rabbi uduu wol irraa hin kunne isinii ergullee isin qalbi'iin hin caqafne. Inni, ‹isin maruu akka lafa Rabbi isinii fi abboota teessan ta duriitii kenne tana keessa baraa haga bara baraa jiraattan jireenna badaa jiraattanii fi hujii hamaa keessan kana irraa deebi'aa'a. Waaqolee tolfamaa biraa hin hordofinaa'a; isaan hin tajaajilinaa'a; hin sagadina'aaf, waaqolee tolfamaa harkaan hojjatamanii sagaddanii akka Rabbi lolu hin taasisinaa'a; yoo ajaja kana eeddan inni isin hin adabu.› Rabbi akkana jedha, «Isin na hin dhageenne; waaqa tolfamaa harkuma keessaniin hojjattaniin na aarsitan.» Sababaa isin hin dhageennu jettaniif Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedha, ‹Ani gara gosa gara kaabaatiin jiraniitii fi gara Nabukadanatsoorii mootii Baabiloonii tajaajilaa kiyyaa dhaamsa erga akka isaan Yihuuda'aa fi worra isii keessa jiraatu, akkasuma banii ollaa isi'ii jiraniin akka lolan isaa fida; ani biyya tana ollama isi'ii woliin isii balleessa; akka isaan laalchaafillee nama jibbisiisaniif worra mammaakaa haga ta'anitti baraa haga bara baraa akka diiggaman isaan taasisa; ka waan kana dubbate ana Rabbi. Ani akka laagaan gammachu'uutii fi gammadanii buraaqu'uu akka laagaan sirbaallee hin jiraanne, namni tokkollee akka midhaan hin daakkanne, yookaan akka halkaniin ibsaa hin ibsanne godha. Biyyattiin maruu diiggamtee ona taati; baniin kunillee woggaa torbaatamaaf garboomanii mootii Baabiloonii jala bulan. Kanaan maayessa yoo woggaan torbaatamaa dhume worra Baabiloonii, banii isi'iitii fi mootota isi'ii sababaa yakka isaaniitiif isaan adaba; biyyi Baabiloonii baraa haga bara baraa ona akka taatu godha. Balaa karaa Ermiyaasiitiin banii kanatti fida jedhe; jechuun balaa kitaaba kana keessatti barreeffame Baabilooniin irratti buusee isaan adaba. Worri Baabiloonii hammeenna hojjatan maraafuu akka adabaman taasisa; baniin hedduu fi mootonni gugurdaan garboota godhatanii isaan bulchan.» Rabbi Waandhi Israa'elii akkana naan jedhe, «Mijuu daadhii woyini'ii ka lola kiyyaan guuttame na harkaa fuudhii gara banii ani itti si erguu dhaqii akka dhugan godhi. Hennaa mijuu san dhugan sababaa ani isaaniin loluuf hunna dhabanii gatantaran.» Kanaafuu ani mijuu san Rabbiin harkaa fuudhee gara banii Rabbi itti na erge maraa deemee isaan obaase. Baniin qachoota Yerusaalemiitii fi Yihuuda'aa, moototaa fi ajajoota loltootaa woliin akka mijuu kana dhugan isaan taasisan; sababaa kanaaf huleen kunniin gammoojjii laalchaaf nama sodaachisu, hulee itti nama arrabsanii fi ka itti abaaran ta'a. Kanaan maayessa Rabbi akkana naan jedhe, «Ani Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii sababaa ani lola isaanitti fiduuf haga dhuganii machaayanii haqqisanii fi haga kufanii lafaa ka'uu dadhabanitti akka dhugan akka isaan godhu bani'itti himi; Yoo ka isaan mijuu si harkaa fuudhanii dhuguu didan ta'e, ‹akka isin mijuu kana dhuddan Rabbi Gooftaan banii maraa ajajeera› jedhii isaanitti himi. Ani badii qachaa maqaan kiyya itti waamamu keessatti jalqaba; Eeganaa isaan waan badii jalaa miliqanii bayan isaanitti fakkaataa? ani banii lafa irra jiraatu maraa irratti lola kiyya waan fiduuf namni adabbii jalaa dheessee bayu hin jiru; waan kana ana Waaqa banii maraatitu dubbate. «Ermiyaas! dubbii ani sitti hime kana maraa labsuu si barbaachisa; banii kanaan akkana jedhi; ‹Rabbi sami'ii laagaa guddaa dhageessisa; hulee ufii jiraatu woyyu'uu laagaa gigissa'aa dhageessisa; lafa irrattillee laagaa guddaa dhageessisa. Laagaan Rabbii hennaa banii ufiitiin lolu, lafa maraa irratti murteessa; worra hammeeyyii du'aan adaba› naan jedhe; ka waan kana dubbate Rabbi. Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedha, «Banii maraa irrattuu badiin adadumaan dhufa; daangaa lafaa marattuu qilleensa bubbe'ee gudda'atu ka'a. Guyyaa san reeffi namoota Rabbi du'aan adabuu daangaa lafaatii haga daangaa lafaatitti gad soobaman nama isaanii boowuu fi ka wolitti qabee isaan awwaalu hin argatan; kanaafuu akka fisha'aatitti haramanii raasa'atti gataman. «Isin bulchoonni booyaa'a; isinillee worri banii eeddan laagaa ol qabadha'aatii ‹banne, banne!› jedhaa'a; daaraa irratti gangalata'aa gaddaa'a, hennaan isin maruu itti goorra'amtan gayeeraa, isin akkuma meeshaan faaraa ka gatii gudda'aa lafa bu'ee cabee bittinnaayuutitti bittinnooftan. Bulchoonni hulee itti dheessan hin qaban; worri banii tissanillee dheessanii bayuu hin danda'an. Worri tissu hin iyya waan Rabbi hulee horii itti bobbaafatan jalaa balleesseef; abboonni hori'ii mararamanii booyan. Sababaa lola jabaa Rabbiitiin huleen nagayaa ka isaan keessa jiraatan isaan jalaa diiggameera. Sababaa guraadee worra nama qabuutii fi lola Rabbii jaba'aatiif biyyattiin waan ona taateef akkuma leenci darmiin hulee jiraatu dhiisee baqatu isaanillee hin baqatan.» Maal laataa baniin kun si dhagayanii karaa hamaa ufii irraa deebi'uu danda'an ta'a; yoo ka deebi'an ta'e garuu badii waan hujii hamaa isaaniitiif isaanitti fidu'uuf ta'u maraa hin dhiisa. Rabbi bani'itti akkana jedhii himi naan jedhe, «Seera ani Rabbi isinii kenne waan hordofuu ajajamu'uu fi dhagayuullee diddan ani raattota na tajaajilan deddeebi'ee isinitti ergeera. Yoo naa ajajmuu diddanii akkasumaan ka deemtan ta'e waan Sheelo'otti godhe maraa mana woyyuu kiyya kanattillee deebi'ee godha; baniin adunya'aa maruu maqaa qachattii tanaa akka abaarsaatitti laalan» Gadoonni, raattonninii fi baniin maruu hennaa ani dubbii kana mana woyyuu keessatti dubbadhu na dhagayaniiran. Waan Rabbi akka dubbadhu na ajaje maraa dubbadhee akkuma fixeen dimmaa na qabanii «Du'uu si barbaachisa!» jedha'aa iyyan. «Wonti ‹ati manni woyyuun kun akkuma Sheelo'oo ta'a» jettee maqaa Rabbiitiin raaga dubbatteef maali'i? akkasuma, ‹Qachattiin tun hin baddi; ka isii keessa jiraatullee hin argamu› jetteef maali'i?» jedhanii gaafatan; achiin maayessa baniin mana woyyuu keessatti wol gayanii na marsan. Bulchoonni Yihuuda'aa waan ta'e kana maraa haga dhagayan mana mootumma'aatii bayanii gara mana woyyu'uu dhaqanii dallawa balbala mana woyyu'uu haarawa biratti bakka qabatan. Gadoonninii fi raattonni bulchootaa fi bani'iin, «waan namni kun dubbate maraa isinuu dhageettaniirtan inni qachaa tana keessatti dubbii raagaa hamaa waan dubbateef du'uu isa barbaachisa» jedhan. Ani Ermiyaas bulchootaa fi banii maraanuu akkana jedhe, «Dubbii qachaa tanaa fi mana woyyuu kana keessatti dhageettan akka labsuuf ka na ajaje Rabbi. Isin ammallee haala jireennaatii fi haala hujii keessanii jijjiirtanii Rabbii Waaqa keessanii ajajamuu isin barbaachisa; yoo kana gootan inni balaa isinitti fidu'uuf karoorfate hin dhiisa. Wonti kun yaada kiyya yoo ta'e ani harkuma keessan jira; waan qajeela'aa fi sirrii ta'ee isinitti mudhate maraa na irratti godhaa'a. Isin garuu waan tokko callaa xiinxallitanii hubatuu isin barbaachisa yoo amma isin na ajjeeftan isinii fi baniin qachattii tana keessa jiraatan maruu waan nama balleessaa hin qabne ajjeeftaniif yakkamtoota taatan akka isin akeekkachiisuuf ka na erge dhugamaan Rabbi.» Kanaan maayessa bulchoonninii fi baniin, «Namni kun maqaa Rabbii Waaqa keennaatiin waan nutti himeef du'uu isa hin barbaachisu» jedhanii gadootaa fi raattotatti dubbatan. Kanatti aansanii jaarsota keessaa namoonni gariin banii achitti wol gayanitti akkana jedhanii dubbatan, «Bara Hisqiyaas mootii Yihuuda'aa ture; raattichi Mikkiyaas namni biyya Mooreeshii dubbii raagaa ka Waandhi banii maraa dubbate bani'itti; ‹Tsiyoon akka lafa qonnaatitti qotamti; Yerusaalem akka tuulaa waan diiggamee taati; tulluun manni woyyuun itti ijaarame doba'atu itti marga› jedhee labsee ture. Eeganaa mootiin Hisqiyaasii fi baniin Yihuuda'aa akka Mikkiyaas du'u taasisanii? wa'a! waan kana caalaa Hisqiyaas Rabbiin sodaata'aa akka inni isaa araaramu worwaate; Rabbi balaa isatti fidu'uuf karoorfate hin dhiise; nu garuu balaa guddisee nama hucuucu ufitti fidu'uuf qophoofneerra.» Nama Uuriyoo ilma Shamaaya'aa jedhamu ka biyya Qiriyaati'aarimiin keessa jiraatu tokkotu ture; namni kun akkuma Ermiyaas qachattii tanaa fi biyyattii tana irratti bala'atu dhufa jedhee maqaa Rabbiitiin dubbate innillee raaga dubbatee ture. Mootiin Iyyo'aaqeemii fi ajajaan ajajoota loltootaa akkasuma ajajoonni loltootaa waan Uuriyoon dubbate haga dhagayan mootichi Uuriyoo ajjeesu'uuf sondhaan Uuriyoon garuu haga waan kana dhagaye guddisee sodaatee gara biyya Misirii dheessee jalaa baye. Mootiin Iyyo'aaqeem garuu Eelnaataanii ilma Akibooriitii fi namoonni biraallee gara biyya Misirii dhaqanii akka Uuriyoo fidan ajaje. Isaan Uuriyoo qabanii mootii Iyyo'aaqeemiin bira fidan; mootichi akka Uuriyoo ajjeesanii awwaala bani'ii keessatti gatan ajaje. Ana garuu Ahiqaam ilmi Saafaanii waan na irraa dhoogga'aa tureef akka na ajjeesaniif bani'itti dabarsanii na hin kennine. Haga Sedeqiyaas ilmi Iyyoosiyaasii Yihuudaa irratti mooye yoma san Rabbi akkana naan jedhe, «Qambara bocii ilmoolee qambaraatitti teepha godhii lum'atti godhadhu. Karaa worra dhaamsa geessan ka gara Sedeqiyaasii mootii Yihuuda'aa ka Yerusaalemiin keessa jiraatuu dhufanii gara Edoomii, Moo'aabii, Amoonii akkasuma gara Xiroosiitii fi gara mootota Siidoona'aa dhaamsa erge. Worri dhaamsa gooftota ufiitii geessan kunniin dhaamsa kiyya ka ana Waaqa Israa'elii Gooftaa banii maraa akka geessan isaanitti himi! Ani hunna kiyya gudda'aa fi jabeenna kiyyaan adunya'aa fi fiixaa ilma namaa akkasuma busaawaa lafa irra jiraatu maraa uume; namni adunyaa bulchu eennuun akka ta'e hin murteesse. Baniin kun maruu baallii hojjataa kiyya ka Nabukadanatsoorii mootii Baabiloonii jalatti akka bulan ka taasise ana; busaawaan lafa irraa uduu hin hafne isa jalatti bulan. Baniin maruu isaa hojjata akkasuma haga guyyaa baniin isaa kufu gawutti isaan, ilma isaatii fi ilma ilma isaa jalattillee hin bulan. Garuu baniin kamuu yookaan mootiin isa hin tajaajilu, isa jalattillee hin bulu yoo jedhe, Nabukadanatsoor akka balleessuuf waan eeyyameefiif ani akka isaan lola, beelaa fi gad qabamanii adabaman taasisa. Isin worra raattotaa, worra moru, worra asmaa hojjatan, yookaan worra ekeraa dubbisanii fi worra eebjuu eebjota'aa waan uf afoo ta'u hin beenna jedhan maraa hin dhagayinaa'a; wonti isaan maruu isin gorsaniif akka isin mootii Baabiloonii jalatti hin bulleef. Raanni isaan isinii raagan raaga sobaati; isin biyya dhalattan keessaa gara biyya fago'oo fudhatamtan waan ani isin ari'uuf hin baddan. Baniin garuu baallii mootii Baabiloonii jala buluu fi isa tajaajilu biyyuma ufii keessa taa'ee akka lafa ufii qotatu godha; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Ani Sedeqiyaasii mootii Yihuuda'aatitti akkana jedhee dubbima kana dubbadhe, «Ati yoo mootii Baabiloonii gabbarte, isaa fi banii isaallee yoo tajaajilte, lubbu'uun jiraachuu hin dandeetta. Maaf atii fi baniin kee lola, beelaa fi bala'aan dhumtan? balaan Rabbi banii mootii Baabiloonii jalatti hin bulle irra gaya; Dubbii raattonni mootii Baabiloonii jalatti hin bulinaa'a jedha'aa isinitti himan hin dhagayinaa'a; isaan raaga sobaa dubbatan. Rabbi akka inni ufii isaan hin erginee fi ka isaan maqaa isaatiin dubbatan maruu akka soba ta'e inninuu isinitti himeera; kanaafuu inni isin ari'a; isinii fi raattonni soba kana dubbattan maruu hin baddan.» Kanaan maayessa Rabbi gadootaa fi bani'itti «Raattota meeshaan mana woyyu'uu maruu daddafee deebi'ee dhufa jedha'aa isinitti himan maraa hin dhagayinaa'a; wonti isaan dubbatan raaga sobaati. Kanaafuu isin isaan dhagawuu dhiiftanii yoo mootii Baabiloonii jala bultan lubbu'uun jiraattan; qachaan tunillee maaf tuulaa waan diiggamee taatee hafti? Isaan yoo raattota ta'anii fi dubbiin raagaa ka ani isaanitti hime isaan keessa jiraate isaan meeshaa hin fudhatamne ka mana woyyu'uu, mana mootummaa Yihuudotaatii fi ka Yerusaalemiin keessatti hafe maraa akka gara Baabiloonii hin fudhatamne akka godhu kadhata'aa ana Rabbii waa maraa danda'u haa gaafatanii. Isin dubbii ana Rabbii Gooftaa banii maraa Waaqa Israa'elii waan meeshaa Yerusaalemii, mana woyyu'uutii fi ka mana mootumma'aa keessatti hafan maraaf dubbadhu dhagayaa'a. Haga ani yaada kiyya gara isaanii deebisuu meeshaan kunniin maruu gara Baabiloonii fidanii achi taa'a; achiin maayessa ani isaan deebisee gara hulee kanaa isaan fida; ka waan kana dubbate ana Rabbi» jedhee isaanitti hime. Baruma san akkuma Sedeqiyaas mooyeen woggaa arfeesso'oo ji'a shaneesso'ootitti raattichi ilmi Azuurii namni biyya Gabaa'oonii Hanaaniyaan mana Rabbii keessatti raattotaa fi banii maraa afo'otti akkana naan jedhe, «Waandhi Israa'elii Gooftaan banii maraa qambara mootii Baabiloonii hin cabsa; ani meeshaa mana woyyu'uu ka mootichi Nabukadanatsoor gara Baabiloonii fide maraa woggaa lama keessatti gara hulee kanaa deebisa. Akkasuma Ikooniyaanii ilma Iyyo'aaqeemii mootii Yihuuda'aa, banii Yihuuda'aa worra booji'amanii fi waan isaanii ka booji'ame woliin Baabiloonii as isa deebisa; Ee! seera bulchiinsa mootii Baabiloonii hin cabsa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Ani gadootaa fi banii mana woyyuu afoo dhaabate maraa afo'otti Hanaaniya'aan akkana jedhe, «Amiin! Rabbi akkuma ati jette haa godhu! Rabbi meeshaa mana woyyu'uu fidu'uu fi worra booji'aman deebisu'uun raaga ati dubbatte haa raawwatu. Ta'ullee waan sii fi bani'itti dubbadhu dhagayi. Raattonni bara durii ka anaa fi si'ii dura ka'an banii hedduu fi mootota gugurdaa irratti lolli, beellinii fi balaan akka dhufu raaganiiran. Garuu raattichi waan nagayaatiif dubbate yoo jiraate raaga Rabbiin irraa ergame akka ta'e ka beekkamu yoo raanni inni raage sun dhugaa ta'ee argame calla'a.» Kanaan maayessa raattichi Hanaaniyaan qambaraa lum'a kiyya irra jiru fuudhee caccabse. Inni banii maraa afoo dhaabatee, «Waan kana yoo dubbatu Rabbi waan kana woggaa lama keessatti qambara bulchiinsa mootii Baabiloonii ka banii irra jiru fuudhee akka caccabsu natti dubbateera» jedhe; achiin maayessa ani ka'ee achii deeme. Haga raattichi Hanaaniyaan qambara lum'a raatticha Ermiyaasiin irra jiru cabseen maayessa dubbii Rabbi gara Ermiyaasii ergeen, «Deemi! Hanaaniya'aan akkana jedhi, ‹Ati qambaraa mukaa cabsiteerta; ani garuu bikka san qambara sibiilaa hojjadha. Ani lum'a banii kanniinii maraa irratti qambara sibiilaa fe'a; isaan Nabukadanatsoorii mootii Baabiloonii jalatti bulan; waan biraa dhiisii busaawaan lafa onaa keessa jiruu akka isa jalatti bulan taasisa› jedhii itti himi naan jedhe; ka waan kana dubbate ana Waaqa Israa'elii Gooftaa banii maraati.» Ani dubbima kana Hanaaniya'atti akkana jedhee hime, «Hanaaniyaa'a! na dhagayi; Rabbi bee si hin erginee ati banii kanniin maraa akka dubbii sobaa hedatan gooteerta. Kanaafuu Rabbi, «Ani sirima lafa irraa si balleessa, sababaa ati baniin ana Waaqa ufiititti akka ka'u gooteef uduu woggaan kun hin dhumanne duuta› jedha. Raattichi Hanaaniyaan woggama san ji'a torbeesso'oo keessa du'e. Xalayaan ani Ermiyaas gadoota, raattota, bulchoota bani'iitii fi waan worra biraa ka Nabukadanatsoor booji'ee gara Baabiloonii ergeef barreessee erge akkana jedha. Hennaan ani xalayaa kana barreesse, hennaa mootichi Ikooniyaan, haati isaa giiftiinii fi hojjattoonni isaa ta isa woliin hojjatan, bulchoonni Yihuuda'aatii fi bulchoonni Yerusaalemii worri ogummaa harkaa qabanii fi worri ogummaa gara garaa qaban booji'amanii fudhatamaniin maayessa. Xalayaa worra dhaamsa geessan Eel'aasaa ilma Shaafaanii fi Gamaaliyaa ilma Hilqiya'aa Sedeqiyaas mootiin biyya Yihuuda'aa gara Nabukadanatsoorii mootii Baabilooniitii ergeetiin erge; yaanni ijoon xalaya'aa «Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii banii Yerusaalemii akka booji'aman godhee gara Baabiloonii fijjisiise. ‹Mana ijaaradha'aa keessa jiraadhaa'a, biqiltuu dhaaba'aa daraaraa isaa nyaadhaa'a; fuudha'aa wol horaa'a; ijoolleen teessanillee gayanii haa fuudhanii, haa heerumanii, baay'adhaa'a; hin diqqaatinaa'a; guddinna qachoota akka ani booji'amtanii keessa jiraattan isin taasisee waan mishaa hawwaa'a; waan jireenna isaanii misha'aatiif na kadhadhaa'a; yoo isaan jireenna mishaa jiraatan isinillee akkasuma jireenna mishaa jiraattan. Ani Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii akka isin raattota isin keessa jiraatan yookaan namoota waan durana ta'u hin beenna jedhan maraanuu hin sobamne; isin seera eebjuu isaaniitiif hulee hin kenninaa'a. Raanni isaan maqaa kiyyaan isinitti himan maruu soba; ani sirima isaanitti hin himne; ka waan kana dubbate ana Rabbi» jedha. Rabbi woggaa torbaatamaa ka isin Baabilooniin keessa jiraattan haga raawwatameen maayessa araaraan gara keessan dhufa; waadaa gara biyya keessanii isin galcha jedhee isinii gale hin raawwadha. Yaada isinii qabu natu beeka; yaanni kunillee yaada hamaa uduu hin taane abdii yaada nagayaa mishaa ka isin eeggattan ka raawwatamu'uuf ta'u ka uf keessaa qabu. Isin na waamtan, gara kiyyallee dhiyaattanii na kadhattan, anillee isinii dhagaya. Isin na soxxan; yoo onnee guutu'uun ka na soxxanii na argattan. Ani dhugamaan isiniin jedhaa na argattan; gara biyya teessanii isin deebisa; biyya ani itti isin facaase hulee kamiillee wolitti isin qaba; isin buqqisee isin ari'u'uun dura gara biyya duraan jiraattanii deebisee isin fida; ani Rabbi waan kana dubbadheera.» Isin, «Rabbi Baabilooniin keessaa raattota nuu kaaseera» jettanii dubbattaniirtan. Isin dubbii Rabbi waan mootii teessoo Daawitii dhaalee bulchuu fi firtoota teessan ta qachaa tana keessa jiraatan ta akka keessan booji'aanii hin fudhatamneetiif dubbatu dhagayaa'a. Rabbi Gooftaan banii maraa; «Ani isaan irratti lola, beelaa fi balaa fidu'uuf ta'a; akka muka hurbu'uu ka shamee nyaataaf hin tollee isaan taasisa. Lola, beelaa fi bala'aan isaan ari'a; baniin adunyaa keessa jiraatu maruu waan isaan irra gawu arganii nayan; baniin akka isaan bittinneessee waan isaan irra gawu argan maruu nayanii raafaman; baniin maruu isaanitti kolfa'aa isaanitti baldan. Waandhi Israa'elii Gooftaan banii maraa waan Aki'aabii ilma Qollaya'aatii fi waan dubbii raagaa ka sobaa maqaa Rabbiitiin isinitti dubbataniitiif ani isaan uduu ijji teessan argitu mootii Baabiloonii ka du'aan adabuutitti isaan kenna. Baniin Yerusaalemii booji'amanii gara Baabiloonii baqatan maruu yoo nama tokko abaaruu barbaadan, Rabbi akka Sedeqiyaasiitii fi akka Aki'aabii ka mootiin Baabiloonii akka isaan ibiddaan gubatan godhee si haa godhu jedhan. Sababaan wonti hamaan kun isaan irra gayeef waan cubbuu hamaa nama jibbisiisu hojjataniif; isaan dubartoota goshoo ufii woliin seebaraniiran; dubbii sobaa ka ani isaan hin ajanye dubbataniiran; kun waan ani akka isaan dubbatan hin feene; waan isaan godhan maraa waan isaanitti beekuuf ani isaanitti raga; ka waan kana dubbate ana Rabbi› jedhee dubbateera» jedha. «Rabbi bikka gadicha Yoodaahe'ee gadicha godhee si muudeera; kunoo ammaa bulchaan mana woyyu'uu ka maraa caalu si'i; kanaaf ani raatticha jedha'aa fakkeessa'aa dubbatu, maraattota gari garii akkanaa kanniin wolitti qabdee haada sibiilaa ka mormaatii fi luka isaanii gudeelchaan wolitti hidhuun hujii kee ta'uu barbaachisa. Eeganaa Ermiyaasii dhalataa biyya Anaatootii ka ani raatticha jedha'aa bani'itti dubbatu maaf hin gorsine ree? Inni akka hin dubbanne dhoogguu barbaachisa; sababaan banii Baabiloonitti booji'amee fudhatameen ammaa achi akka waan isaan bara dheeraa jiraataniititti yaadee mana ijaara'aa keessa jiraadhaa'a, biqiltuu dhaabadha'aa daraaraa isaa nyaadhaa'a› jedha'aa bani'itti dubbateera» jedha. Raattichi Sofoniyaas xalayaa san naa dubbise; Kanaan maayessa Rabbi akkana naan jedhe, «Dubbii raagaa kana kunoo worra gara biyya Baabiloonii baqatanii jiraatan maraaf waan Shaamaaya'aa akkana jedhii ergi, ‹Shaamaayaan uduu ani isa hin ergine sobaan dubbii raagaa akka amantan isin taasiseera. Kanaafuu ani Rabbi isaa fi fiixaa isaa maraa hin adaba; ammaa achi fiixaan nama kanaa isin keessatti hin argamu; innumtuu waan mishaa banii kiyyaa ani godhu maraa argu'uuf abdii hin qabu; sababaan inninuu akka isin na diddan taasiseera; ani Rabbi waan kana dubbadheera» jedha. Dubbiin Rabbii Waaqa Israa'elii ka gara Ermiyaasii dhufe kana; Rabbi Waandhi Israa'elii akkana jedha, «Dubbii ani sitti hime maraa kitaaba irratti barreessi. Banii kiyya Israa'elii fi banii Yihuuda'aa deebisee lafa abboota isaanii ta duriitii kennetti isaan deebisa; isaanillee lafa san ta ufii taasifatan; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Wonti Rabbi banii Israa'eliitii fi banii Yihuuda'aatiin jedhu kana, «Laagaa nama sodaachisu dhageenneerra; laagaan sun ka nama sodaachisu malee ka nagayaatii miti. Mee dhaabadha'aa yaadaa'a! dhiirti ciniinsifattee dayuu dandeettii? eeganaa maaf dhiirti maruu akka dubartii deettuutitti harka ufiitiin ka mudhii ufii qabatanii fi fuula badaniiran arga'aara ree? Guyyaan sun guyyaa atta nama rakkisu! guyyaan akkasii sun hin jiru; worra Israa'elii ijoollee Yaaqoobiitii bara rakkinnaa ta'a; ta'ullee isaan rakkinna san maraa jalaa hin hafan. Waandhi banii maraa akkana jedha, «Hennaa guyyaan sun gaye qambaraa bulchiinsaa ka lum'a banii kiyyaa irratti fe'ame hin cabsa; achiin maayessa isaan banii ormaatii garbicha hin ta'an; Bikka san isaan ana Waaqa ufiitii sagadan, isaan mootii ani teessoo fiixaa Daawitii irra kaayu jalatti bulan. Isin worri Israa'elii ijoollee Yaaqoobii tajaajilaa kiyyaa, hin sodaatinaa'a, abdii hin kutatinaa'a; ani nagayaan biyya fago'oo isin deebisaa; ijoollee teessanillee biyya isaan itti booji'amanii hin deebisa; worri Israa'elii deebi'anii nagaya argatanii sodaa malee jiraatan. Ani isin woliin ta'ee isin fayyisa; banii ormaa ka ani keessa isin bittinneesse maraa hin balleessa, isin garuu hin balleessu; ta'ullee adabbii malee isin hin dhiisu; hagatti isin adaba; ka waan kana dubbate ana Rabbi» Rabbi banii ufiitiin akkana jedha, «Madaan keessan ka hin fayyine, guddiftanii miidhamtaniirtan. Namni isinii falmu hin jiru; madaa keessaniif qorichi hin argamu; hin fayyitanille'e. Goshoonni keessan maruu isin irraanfataniiran; isaan isin hin barbaadan; cubbuun keessan guddatee hammeenni keessanillee guddisee waan guddaa ta'eef, ani akka diinaatitti isin dhaye; uduu garaa isinii hin laafne isin adabe. Cubbuun keessan guddatee hammeenni keessanillee guddisee waan guddaa ta'eef, waan fayyummaan isinii hin argamneef, waan dhukkubbii madaa keessaniitiif hin gunguminaa'a; ani akka kanaan isin adabaa. Garuu worri akka marga horiin dheeduutitti isin dheedan maruu, isaanillee akkasuma hennaa ufiititti dheedamanii nyaattaman; diintonni teessan maruu booji'amanii fudhataman; worri isin saamuu barbaadan maruu hin saamaman; worri isin jalaa waa fudhatan isaan jalaallee akkasuma akka waa fixan godha. Diintonni teessan Tsiyoon akkuma gatamtetti hafa'aarti; namni isii oolchu hin jiru yoo jedhanillee ani dhibee keessan maraa irraa isin fayyisa, madaa keessanillee hin fayyisa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Rabbi akkana jedha, «Ani mana ijoollee Israa'elii deebisee ijaara; maatii isaanii maraafuu hin araarama; qachaan Yerusaalemii deebitee ijaaramti; manni mootumma'aallee hulee ufii ka duriititti deebi'ee ijaarama. Baniin achi jiraatan maruu, faaruu galataa faarfatan; gammachu'uun ililfatan; hin baay'atan malee hin diqqaatan; ani isaan kabajja; achiin maayessa hin tuffataman. Ijoolleen isaanii akkuma abboota isaanii ta durii sodaatamanii jiraatan; jireenni isaan amma woliin jiraatan kun hin jabaata; ani worra isaan hucuuca'aa ture maraa hin adaba. Namni isaanii isaanuma keessaa ka'ee isaan bulcha; ani waan ufitti isa dhiyeessuuf gara kiyya dhiyaata; yoo kana hin taane eentu uggee gara kiyya dhiyaata? Isaan banii kiyya ta'an; anillee Waaqa isaanii ta'a; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Lolli Rabbii ka akka haboonbolatti'ii akka qilleensa jaba'aatitti gara gaggala'aa mataa worra hammeeyyi'iititti bu'a. Dheekkamsi Rabbii jabaan waan huju'uuf karoorfate uduu hin raawwanne hin deebi'u; yoo hennaan gaye baniin maruu waan kana maraa addaataa hubatan. Rabbi akkana jedha, «Hennaan ani gosa Israa'elii maraaf Waaqa ta'uu fi hennaan isaanillee banii kiyya ta'an hin dhufa. Hennaa Israa'el hara baafatu'uuf gara kiyya dhufe worri lafa onaa keessatti woraana irraa hafan ana Rabbii isaanii irraa araara argatan. Ani fago'otti isaanitti mudhadhe; banii Israa'elii ani baraa haga bara baraa isin jaaladhe; arjummaan kiyya ka bara baraa isinii ta'a. Isin Israa'el banii kiyya! ani deebisee isin ijaara; isinillee hin ijaaramtan; ati deebitee dibbee qabattee worra gammadan woliin gammada'aa sirbita. Ati deebiftee tulloota Samaariya'aa irratti biqiltuu woyini'ii dhaabda; daraaraa isaa worra hojjatee itti dadhabetu nyaata. Worri woyinii gaara Efreemii irra taa'anii eegan hennaan ‹koottaa'a gara Tsiyoonii Rabbi Waandhi keenna jiruu dhandhaa› jedhan hin dhufa» Rabbi akkana jedha, «Waan Israa'elii banii maraa caaltuutiif gammachu'uun faarfadhaa'a; ‹Rabbi banii ufii hambiseera; worra biyya Israa'elii keessatti hafan maraa ka ufii taasifateera› jedha'aa faaruu galataa faarfadhaa'a «Ani gara kaabaatii isaan fida; daangaa lafaatiillee wolitti isaan qaba; balloonni, worri hokkolan, dubartoonni ulfaatii fi dubartoonni ciniinsifatan maruu isaan woliin dhufan; banii guddaa ta'anii gara biyya ufii deebi'an. Baniin kiyya hennaa ani gara biyya isaanii isaan masakku waan guddisanii gammadaniif booya'aa Waaqa kadhata'aa deebi'an; karaa tolee isaan hin gufachiifneen gara burqaa bisaan misha'aa isaan fida; ani Israa'elii abba'a; Efreem ilma kiyya ka hangafaati.» Rabbi akkana jedha, «Isin baniin! na dhagayaa'a; dubbii kiyya biyya fago'ottillee labsaa'a; ani banii kiyya bittinneessee ture; amma garuu wolitti isaan qaba; akkuma tisseen horii ufii tissu anillee isaan tissa. Ani banii Israa'elii bilisa baaseera; ani mootii jabaa harkaa baasee isaan oolcheera. Kanaafuu isaan deebi'anii gaara Tsiyoonii irratti gammachu'uun faarsan; isaan midhaan, daadhii woyini'ii, dhadhaa ejersaa, eebba hoola'aatii fi horii gaafaa maraa ka ani isaanii kennuun gammadan; akka hulee biqiltu'uu ka bisaan gayaa argatee ta'an; isaan ammaa achi hin gaddan. Durbi isaanii gammadanii sirban; ka'immanii fi jaarsonni isaaniillee hin gammadan; ani isaan jajjabeessa; booyicha isaanii gara gammachu'uu, gadda isaanii gara gammadanii burraaqu'uutitti jijjiira. Gadoota eebba lafaatiin isaan quubsa; ani banii kiyyaa arjummaa kiyya baay'isa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Rabbi akkana jedha, «Laagaan booyaatii fi ka mararo'oo Raamaa keessatti dhagayame; Raahel ijoollee ufiitii bootti; ijoolleen isi'ii waan lubbu'uun hin jirreef obsuu dadhabde. Isin boowuu dhiisa'aa imimmaan uf irraa haqaa'a; wonti isin ijoollee teessanii gootan maruu gatii malee hin hafu; isaan biyya diinaatii deebi'anii dhufan. Ijoolleen teessan waan gara biyya ufii deebi'anii dhufaniif, duranaa abdii qabdan; ka waan kana dubbate ana Rabbi. «Baniin Israa'elii gaddaan hennaa ‹Rabbii keenna nu akka mirgoo hin leenjinee turre; ati garuu ajajamuu nu barsiifte; Ati Waaqa keenna waan taateef, amma gara kee gara Waaqa keennaa nu deebisi nullee hin deebinaa; yoma si irraa fagaannee deemneellee jiraanne amma kunoo aagii galleerra; nu saalfannee, gaabbinee gad uf qabnee laphee keenna tumna; cubbuu hennaa ka'imumma'aa hojjanne maraaf uf ajiifanna› jedhan dhagaye. «Israa'el! isin ijoollee tiyya ta ani jaaladhu; ani waa maraa caalaa isin jaaladhaa mii? ani isinii araaramu'uuf ufitti isin dhiyeessuu barbaada; ka waan kana dubbate ana Rabbi. Isin ufiif karaa irra deemtanitti malkata godhaa'a; utubaa hedduu ka karaa isinitti akeeku dhaabadhaa'a; karaa guddaa irra deemtan xiinxalla'aa laalaa'a; isin Israa'el banii kiyya! gara qachoota teessan tanaa dacha'aa'a. Isin baniin amantii dhidhu'uu, haga yoomii mamtan? ani Rabbi lafa irratti waan haarawa uumeera; innillee dubartiin dhiira irraa waa dhooggiti; Ani waan haarawa addaa uumeera» jedha. Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii akkana jedha, «Hennaa ani banii gara biyya isaanii deebise biyya Yihuuda'aatii fi qachoota isi'ii ‹ati gaarattiin woyyittiin ta dhugaan keessa bultu Rabbi si haa eebbisu› jedhan. ‹Biyyi Yihuuda'aatii fi qachoonni isi'ii maruu ka baniin keessa jiraatu ta'an; worri qonnaan bulu ka lafa qotuu fi worri horii tissu achi keessatti argaman. Worra dadhaban maraa akka hunni isaanii haarawoomu taasisa; worra beelayanii dadhaban nyaachisee isaan quubsa. Kanaafuu hennaa san baniin hennaa rafnee hirribaa dammandhu haarawoomne› jedhan. Ani Rabbi hennaan biyya Israa'eliitii fi Yihuuda'aa bani'ii fi busaawa'aan guutu hin dhufa. Ani akkuma isaan buqqisee diigu'uuf, garagalchee balleessu'uuf, isaan barbadeessu'uufillee hordofa'aa ture; akkasuma deebisee isaan dhaabee ijaaru'uuf isaan hordofa. Bara san ‹daraaraan woyini'ii dhangaggaayaan abboonni nyaatan ilkaan ijoolle'ee diilallaaye› jedha'aa mammaakan hin hafa. Kun ta'uun hafee namni daraaraa woyini'ii dhangaggaayaa nyaatu akka ilkaan isaa diilallaayu taasisa; namni maruu cubbuma ufii hojjatuun du'a.» Rabbi akkana jedha, «Hennaan ani banii Israa'eliitii fi banii Yihuuda'aa woliin waadaa haarawa galu hin dhufa. Waadaan kun akka waadaa hennaa biyya Misiriitii harka isaanii qabee isaan baasu isaan woliin galeetii miti; Ani yoma Waaqa isaanii ta'ellee isaan waadaa ani isaanii kenne waan hin eenneef ani lash isaanitti jedhe. Waadaan ani ammaa achi banii Israa'elii woliin galu kana; seera kiyya garaa isaanii keessa kaaya; onnee isaanii keessattillee hin barreessa; ani Waaqa isaanii ta'a; isaanillee banii kiyya ta'an. Armaan maayessa namni Rabbiin beeki jedhee goshoo ufii yookaan obboleessa ufii barsiisu hin jiraatu; namni diqqa'aa haga gudda'aallee na beekan; ani yakka isaanii isaanii dhiisa; cubbuu isaaniillee isaanitti hin laakkayu; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Rabbiin akka aduun guyya'aan ifu godhu, ka jiininii fi urjiin akka halkaniin ifan seera isaanii baase, ka galaanni akka dambaliin raasu sosochoosu akkana jedha; maqaan isaa Waaqa banii maraati. Seerri uumamaa maruu eega dhaabatee jiraate inni abdii Israa'el banii taatee akka jiraattu mudhisu kenna. Rabbi sababaa yakka baniin isaa Israa'el hojjateef isaan gata jedhuun ka danda'amu yoo badhinni sami'ii bikkamee, bu'uurri ardi'ii maruu qoratamee beekkame calla'a; Rabbi waan kana dubbate. Rabbi akkana jedha, «Hennaan dallawa dhaga'aa ka irra taa'anii eegan ka Hanaani'eeliitii jalqabee haga qaccee balbala dallawaa Yerusaalem qachaa tiyya taatee ijaaramtu hin dhufa. Daangaan dallawa sanii qaccee balbalaatii ka'ee gara tulluu Gaareebii dhaqee gara Go'aa naannaya. Dhoondhi waan du'ee fi daaraa itti gatan gara baya biiftu'uutii haga karra seensa fardaa ka Rabbii woyyoome ta'a; qachattiin sirima deebitee hin diiggamtulle'e.» Mootiin Yihuuda'aa Sedeqiyaas mooyee woggaa kudhaneesso'oo, mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor mooyee woggaa kudha saddeetesso'ootitti Rabbi ana Ermiyaasitti dubbate. Hennaan sun hennaa mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor loltoota ufiitiin Yerusaalemiin irratti balaa geessu'uuf marse; hennaa san ana mana mootumma'aa keessatti bulee kutaa worra balbala eeganii keessatti balballi natti cufamee ture. Wonti mootichi Sedeqiyaas hidhee achi keessa na kaayee fi wonti inni na himateef waan ani dubbii raagaa ka Rabbi natti dubbate isaanitti himeef; dubbiin sun mootiin Baabiloonii qachattii tana akka qabatu taasisu'uuf ta'a. Mootichi Sedeqiyaas karaa dheessee jalaa bayuun waan hin qabneef dabarfamee mootii Baabilooniititti kennama; inni mootii bira dhaqee isa woliin dubbata. Sedeqiyaasiin gara Baabiloonii geessanii haga ani isa ajjeesuuf inni achuma jiraata; yoma worra Baabiloonii woliin wol lolu'uuf ka'ellee hin milkaawu; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Rabbi ammallee akkana naan jedhe, «Anaami'eel ilmi Shaaluumii abbeeraan kee obboleessi abbeetii lafa kutaa Biiniyaamii ka Anaatootiin keessatti argamu akka isa irraa bittu si gaafatu'uuf gara kee dhufa; ati fira isaa ka dhiyo'oo waan taateef lafa san bituu si barbaachisa» Anaami'eel akkuma Rabbi dubbatetti gara kutaa worra eeguu hulee ani itti hidhamee dhufee «Ati lafa bitu'uuf seerri waan sii kennuuf biti» naan jedhe; sababaa kanaaf akka Rabbi natti dubbate beeke. Ani lafa Anaami'eeliin irraa bitu'uuf gatii dhayeef gatiin lafa sanii birrii kiiloo lamaa kaase. Wolii galtee lafa bitta'aa hulee ragoonni jiranitti mallatteessee cufee qarshii madaala irra kaayee madaalee kenneef. Garagalcha wolii galte'ee lama ka chaappeeffamee fi ka hin chaappeeffamne ka waa maraa uf keessaa qabu fudhee, Baarookii ilma Neeriyaa ilma ilma Maahiseeya'aatii kenne; garagalcha sanniin Hanaami'eel, ragoota wolii galtee irratti mallatteessanii fi namoota hulee san jiran afo'otti itti kenne. Ani isaan maraa afo'otti Baarookiin akkana jedhe, «Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii ‹Ati woraqata wolii galte'ee lamaan ka cufamee fi ka hin cufamne fuudhii meeshaa faaraa keessa kaayii woggaa hedduu akka turu godhi; Deebi'ee hennaa biraa biyya tanatti manniin, lafa qonnaatii fi hulee biqiltuu woyini'ii itti dhaabaniin bitan dhufuu danda'a jedheera.» Ani haga wolii galtee gurgurtaa lafaa Baarookii ilma Neeriya'aatitti kenneen maayessa akkana jedhee Rabbiin kadhadhe, «Rabbi Gooftaa kiyya! ati baallii kee gudda'aa fi hunna keetiin ardi'ii fi samii uumteerta; sirima wonti ati dadhabdu hin jiru; Banii kuma hedduutitti jaalala kee ka bara baraa mudhifteerta; garuu ati sababaa abboonni isaanii cubbuu hojjataniif ijoollee isaanii adabda; ati Waaqa gudda'aa fi Waaqa jaba'a; ati ka waa maraa dandeettu; maqaan kee Gooftaa banii maraati; Kaayoon kee gudda'a; hujiin kee jaba'a; waan baniin godhu maraa hin argita; nama maraafuu akka jireennaa fi hujii isaatiin gatii kennita. Ati bara durii biyya Misirii keessatti maalale'ee fi waan baasaa gooteerta; ati haga ammaa hujii baasaa kee sanniin banii Israa'eliitii fi namoota biraa jiddu'utti godhuu hin dhiifne; sababaa kanaaf maqaan kee hulee marattuu guddisee dhagayameera. Ati jabeennaa fi guddinna keetiin akkasuma gaachena kee ka nama sodaachisuun banii kee biyya Misiriitii baafte. Akkaataa abdii abboota isaanii ta duriitii kenniteen lafa qananiituu laliftuu waa maraa qabdu isaan dhaalchifte. Isaan garuu haga gara lafa tanaa dhufanii dhaalaniin maayessa dubbii keetii ajajamu'uu fi seera ati isaan barsiifteen jabaatanii jiraachuu didan; waan ati isaan ajajje maraa hin raawwanne; sababaa kanaaf ati badii kana maraa isaanitti fidde. Kunoo worri Baabiloonii qachattii qabatu'uuf biyyee tuulanii naannaya isi'ii marsa'aaran; lolli, beellinii fi balaan akka qachattiin isaan jala taatu godha; wonti ati isaanitti dubbatte maruu akka isaan irra gawu hin argita. Rabbi Gooftaa kiyya! hennaa qachattii san worri Baabiloonii fudhatu'uuf ta'an ati lafa san worra ragaa ta'an afo'otti ka akka lafa san bitu na ajaje si'i.» Rabbi akkana naan jedhe, «Waandhi fiixaa nama maraa ana Rabbi; sirima wonti ani dadhabu jiraa? Ani qachattii tana worra Baabilooniitii fi mootii isaanii Nabukadanatsooritti dabarsee kenna; inni isii qabata. Worri Baabiloonii ta qachattii tana marse dhufanii guban; akkasuma manniin na aarsu'uuf hixaana waaqa tolfamaa ba'aaliif ginnoo gubba'atti aarsanii fi waaqolee tolfamaa biraatiifillee ciincaa waan dhuganii itti dhiyeessanillee hin guban. Worri Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa hennaa ijaaramanii jalqabee waan hamaa hojjachuu malee wonti mishaan isaan hujan tokkollee hin jiru; keessattuu baniin Israa'elii waaqa tolfamaa harka ufiitiin hojjataniin na aarsuu malee wonti isaan na gammachiisaniin hin jiru. Hennaa qachattiin tun ijaaramte irraa jalqabee baniin isii keessa jiraatu guddisanii waan na aarsaniif ani qachattii balleessu'uuf murteesseera. Worri Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa, mootonni isaanii, bulchoonni isaanii, gadoonni isaaniitii fi raattonni hujii hamaa hojjatan maraan akka ani aaru na taasisaniiran. Isaan na dhiisanii deemaniiran; ani hennaa maraa deddeebi'ee isaan barsiisullee gorsa kiyya hin dhageenne. San irra hulee woyyuu maqaan kiyya haa itti waamamu'uuf ijaarametti waaqolee tolfamaa jibbamaa dhaabanii batteessaniiran. Ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa waaqa tolfamaa Mooleek jedhamuu ciincaa dhiyeessu'uuf dhooqa Heenoomii keessatti hulee ciinca'aa waaqa tolfamaa ba'aaliif hojjataniiran; ani akka isaan waan kana hujan isaan hin ajanye, banii Yihuuda'aa gara cubbu'uu masakkan jedhee hin eenne ture.» Rabbi Waandhi Israa'elii akkana naan jedhe, «Ermiyaas! baniin qachattii tana lolli, beellinii fi balaan akka isin mootii Baabiloonii jala taatu godhu'uuf ta'a jedhan waan ani jedhu ka biraallee dhagayi. Banii ani lola kiyya guddaa ka akka ibiddaa bobawuun isaan bittinneesse biyya isaan itti bittinneesse maraa keessaa deebisee hulee kanatti wolitti isaan qabee akka nagayaan jiraatan isaan taasisa. Isaan banii kiyya ta'an, anillee Waaqa isaanii ta'a. Akka isaan kaayoo tokko qabaatan godha; wonti kana godhuuf akka isaanii fi ijoollee isaanii maraa wonti mishaan ta'u, akka hennaa maraa na kabajjaniif. Ani isaan woliin waadaa baraa haga bara baraa gala; ani waan mishaa isaanii godhuu hin dhiisu; akka isaan dhugamaan na sodaatan godha; achiin maayessa isaan na irraa fuula ufii gara biraa hin deebifatan. Anillee yoo waan mishaa isaanii godhu hin gammada; ani fedha kiyyaan dhugamaan lafa tana irratti isaan ijaara. «Ani akkuma banii kana maraa irratti badii kana maraa fide akkasuma waadaa waan mishaa isaanii gale isaanii kenna. Lafa isin ‹lafattiin waan worra Baabilooniitii kennamteef ona namninii fi busaawaan keessa hin jiraanne taati› jettan tana keessatti lafa qonnaa bitu'uu fi gurguruun deebi'ee jalqabama. Baniin lafa bitata, wolii galteen ragoonni itti mallatteessanii chaappeeffama; wonti kun maruu gandoota naannaya Yerusaalemii kutaa Biiniyaamii qachoota baadiyya'aa ka Yihuudaa keessaa qachoota biyya gaaraa tulloota jalaa fi Yihuudota gara kibbaatiin jiran maraa keessatti raawwatama; ani baniin maruu gara biyya ufii deebi'anii akka qabeenna ufii fudhatan taasisa.» Uduma ani kutaa worra balbala eeganii ka mana mootumma'aa keessatti hidhamee jiru dubbiin Rabbii deebi'ee gara kiyya dhufe. Rabbiin lafa midhaassee uumee akka isiin itittee jiraattu taasise natti dubbate; maqaan isaa Rabbii Goofta'a; Inni akkana naan jedhe, «Na waamadhu ani sii deebisaa, waan gugurdaa armaan dura argitee hin beennee fi ka eennullee qoree bira gayuu hin dandeenne sitti mudhisaa. Waan marfamtee lolaan miidhamtuuf manniin Yerusaalemiitii fi manniin mootummaa Yihuuda'aa hin diiggaman; Sababaa isaan banii keessaa worra Baabiloonii woliin wol woraananiif waan hammeenna isaaniitiif hennaa ani fuula kiyya qachattii san irraa deebifadhe lolaa fi balaa kiyyaan du'an; reeffi isaanii manniin isaanii ol guuta. Qachaa tanaa fi banii isii keessa jiraatan garuu deebi'ee fayyisa; nageenni isaanii guutuu ta'a; ani hulee marattuu nagayaa fi jireenna dhuga'aa isaanii baay'isa. Worra booji'ame ka Yihuuda'aatii fi ka Yerusaalemii hin deebisa; akkuma duraan jiraata'aa turan sanitti isaan ijaara. Cubbuu isaan seera kiyya diigu'uun hojjatan maraa irraa isaan qulqulleessa; ani cubbuu isaaniitii fi hujii didda'aan raawwatan maraa isaanii dhiisa. Waan mishaa ani Yerusaalemii godhu maraa baniin hennaa dhagaye waan guddinna kiyyaatiif ulfinnaa fi galata naa galchan; hennaa ani banii Yerusaalemiitii waan mishaa godhuu fi qabeenna ani qachatti'ii kennuuf mishummaa ani isaanii godhuun worri ormaa maruu hennaa dhagayan sodaatanii hollatan.» Rabbi akkana naan jedhe, «Ermiyaas! ‹lafti tun ona namnii fi busaawaan keessa hin jiraanne› jettee dubbatte henna'aaf sirri'i; qachoonni Yihuuda'aatii fi karaan hedduu ka Yerusaalemii ona namni kamuu yookaan busaawaan keessaa hin mudhanne; guyyaa tokko garuu hulee kana keessatti laagaa gammachu'uutii fi ka usheexxu'uutitu dhagayama. Hulee kanatti lagaan usheexxu'uu, ka gammachu'uutii fi laagaan sirbaa deebi'ee dhagayama; worra hulee itti booji'amanii deebi'anii qabeenna isaan duraan qaban waan isaanii deebisuuf hennaa isaan ciincaa galataa naa dhiyeessu'uuf gara mana woyyuu kiyyaa dhufan, ‹Rabbii Gooftaa banii maraa galatoonfadhaa'a; inni waan arjaa ta'eef jaalalli isaallee ka baraa haga bara baraa waan ta'eef› jedha'aa laagaa gudda'aan faarfatan; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Waandhi banii maraa akkana jedha, «Lafa onaa ka namninii fi busaawaan keessa hin jiraanne taate tana keessatti deebi'ee hulee tisseen hoolota ufii itti yaafattu ta'a. Tisseen biyya gaaraa, tulloota jalaa fi qachoota Yihuuda'aa ka gara kibbaatiin jiran, bulchiinsa kutaa Biiniyaamii, gandoota naannaya Yerusaalemii jiranii fi qachoota baadiyya'aa ka Yihuuda'aa maraa keessatti deebi'anii hoolota ufii laakkayatan; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Rabbi akkana jedha, «Hennaan ani worra Israa'eliitii fi banii Yihuuda'aatiif waadaa abdi'ii isaanii gale raawwadhu dhiyaateera. Ani hennaa san mootii balchaa fiixaa Daawitii keessaa fila; mootichi sun biyyattii keessatti waan balchaa godha; murtii dhuga'aallee hin murteessa. Baniin Yihuuda'aatii fi baniin Yerusaalemii diina jalaa bayanii nagayaan jiraatan; qachattiin ‹Rabbi balchummaa keenna› jedhamtee waamamti. Mootiin Israa'eliin irratti mooyu fiixaa Daawitii keessaa sirima akka hin dhabamne ani Rabbi dubbadheera. Akkasuma gadoonni ciincaa ciincawu, ciincaa midhaaniitii fi ciincaa biraa naa dhiyeessa'aa na tajaajilan gosa Leewwi'ii keessaa sirima hin dhabamu.» Rabbi akkana naan jedhe, Kanaafuu ani fiixaa tajaajilaa kiyya Daawitii fi laakkobsa gadoota gosa Leewwi'ii hin baay'isa; baay'inni laakkobsa isaanii akka xidhacha galaana keessaatii fi akka urjii sami'ii ta'a.» Rabbi akkana naan jedhe, «Baniin kunniin ‹mootota lamaan Rabbi filate dhiisaniiran› jedha'aa banii kiyya tuffata'aa akka bani'iititti akka isaan hin beenne ati hin hubannee?» Rabbi ammallee akkana jedhe, «Ani waadaa seera halkanii fi guyya'aa ka ardi'iitii fi ka sami'ii ka hin jijjiiramne kennee ka hin ijaarre yoo ta'e, fiixaa Yaaqoobiitii fi tajaajilaa kiyya ka Daawitii dhiiseera jechu'u; kana jechuun ani mootii fiixaa Abrahaamii, ka Yisaaqii fi Yaaqoobiin irratti mooyu tajaajilaa kiyya Daawitii nama tokkollee hin moosifneef jechu'u; ani isaanii araarama; waan isaan jalaa booji'amellee isaanii deebisa.» Mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoorii fi loltoonni isaa mootota bulchiinsa isaa jala jiranii fi bani'iin gargaarama'aa Yerusaalemii fi qachoota naannaya isi'ii jirtu irratti hennaa balaa lolaa irratti buusu Rabbi akkana jedhee natti dubbate. Rabbi Waandhi Israa'elii gara Sedeqiyaasii mootii Yihuuda'aa dhaqee akka, Ani «Rabbi qachattii tana mootii Baabilooniitii kenna; inni ibiddaan isii guba. Atillee jalaa bayuu hin dandeettu si booji'anii isaa si kennan; ati dhaxxee isa afoo dhaabatta; innillee si dubbisa; achiin maayessa gara Baabiloonii deemta. Sedeqiyaas waan ani waan kee dubbadhu dhagayi; ati lola keessatti hin duutu. Ati nagayaan hara baafatta; abboonni tee ta durii ka siin dura mootii ta'anii turan hennaa du'an baniin ulfinna isaaniitiif akkuma ibidda isaanii bobeessa'aa turan; siifillee akkasuma ibidda bobeessan; ‹Ee bada mootii keenna› jedha'aa sii booyan; ka waan kana dubbate ana Rabbi» jedhee himu na ajaje. Hennaa ani dubbii raagaa kana Yerusaalemitti Sedeqiyaasitti hime; Loltoonni mootii Baabiloonii Yerusaalem achillee darbee qachoota dhokatan ta Laakishii fi Azeeqaa jedhaman ta Yihuudaa keessatti dhokatanii hafan irratti balaa buusa'aa turan. Sedeqiyaas bilisummaa garbumma'aa labsu'uuf banii Yerusaalemii woliin wol gayee haga wolii galaniin maayessa dubbiin Rabbii gara ana Ermiyaasii dhufe. Dubbiin kun worri Ibrootaa garboota ufii maraa dhiiraa fi intala bilisa baasu'uuf ture; isaan namni tokkollee isaan keessatti Israa'elii gosa isaanii keessaa akka garbichi hin jiraanne murteessan. Baniinii fi bulchoonni isaanii maruu garboota ufii akkanumaan bilisa gad dhiisu'uu fi deebi'anii akka garboota hin taasifne wolii galan; wolii galtee kanaan isaan maraa akkanumaan gad dhiisan. Haga diqqoo turanii yaadaa ufii jijjiiratanii akka isaan garbumma'aan jiraatan deebi'anii giddisiisuu jalqaban. Kanaan maayessa dubbiin Rabbii gara Ermiyaasii dhufe; Rabbi Waandhi Israa'elii akkana jedha, «Ani hennaa abboota teessan ta durii biyya Misirii mana garbumma'aatii bilisa isaan baase ani isaan woliin akkana jedhee waadaa gale. Akkaatama waadaa isaanii gale saniitiin worri Ibrootaa ka isaan garboota jedhan maraa haga isaan woggaa jahaa tajaajilaniin maayessa woggaa torbeesso'ootitti akka bilisaan gad isaan dhiisan ajaje; abboonni teessan ta durii garuu naa ajajamuu dhiisii dubbii kiyyaa dhagayuu hin barbaanne. Isinillee guyyaa hago'oon dura gaabbitanii waan na gammachiisu hojjachuu jalqabdanii turtan isin maruu garbicha gosa Israa'elii ta'e akkanumaan gad dhiisu'uuf wolii galtan; mana woyyumma'aa ka ani keessatti waaqeffamutti wolitti qabamtanii na afo'otti waadaa galtan. Garuu yaada keessan jijjiirtanii waan maqaa kiyya arrabsiisu hojjattan isin maruu akkuma fedha keessanii akkanumaan bilisa gad dhiiftan; worra akkanumaan bilisa gad dhiiftan deebitanii garboonfattanii isaan bulchuu jalqabdan. Kunoo ani Rabbi wonti isiniin jedhu kana ‹Isin naa hin ajajmne, worra Israa'elii gosa keessan ta'anii bilisummaa hin kennine› kanaafuu ani akka isin lolaan, beelaa fi bala'aan duutan isin dhiisa; waan isin irra gayu maraan akka baniin adunyaa irra jiru maruu rifatu taasisa. Isin hennaa garboota teessan akkanumaan gad dhiisu'uuf waadaa galtan jibicha tokko goorraatanii bakka lama gootanii jidduu luftaniirtan; garuu isin waadaa sanii fi waadaa ani Israa'eliin woliin galellee diiddaniirtan; kanaafuu akkuma isin jibicha san gootan anillee isin irratti raawwadha. Ani worra Yihuudotaatii fi namoota gugurdaa Yerusaalemii worra baallii qaban ka mootumma'aa, gadootaa fi banii biyyattii san keessa jiran worra jibicha goorra'amee qalame jidduu lufan maraa, diintota lubbuu isaanii balleessuu barbaadanitti isaan kenna; reeffa isaanii maraa allaattii samii irra bararuu fi bineensa lafa irraatitu nyaata. «Ani Sedeqiyaasii mootii Yihuuda'aatii fi ajajaa ajajoota woraanaa maraa diintota isaanii ka isaan balleessu'uuf ta'anitti dabarsee isaan kenna; ani ka dabarsee itti isin kennu loltoota Baabiloonii ka balaa isin irratti buusu'uuf jabaatanitti. «Ani ajaja kenna; isaanillee gara qachattii tanaa deebi'anii balaa buusanii qabatanii isii guban; qachoota Yihuudaa keessatti argaman maraa ona eennullee keessa hin jiraanne taasisa; ka waan kana dubbate ana Rabbi» jedha. Bara ilmi Iyyoosiyaasii Iyyo'aaqeem Yihuudaa irratti mooye Rabbi akkana naan jedhe, «Gara maatii worra Reekaabotaa dhaqii isaan dubbis; achiin maayessa gara kutaa mana woyyu'uu tokko keessa seensisii daadhii woyini'ii ka dhugan kenniif» Kanaaf ani ilma Ermiyaasii Azaaniyaa ilma Habaadiyaanii, obboleewwan isaa ijoollee isaa maraa fi maatii Reekaabotaa maraa achi fide. Ani isaan gara mana woyyumma'aa ka namni Rabbii ilmaan Hanaaniyaa ilma Hagdaaliya'aa keessa jiraatan keessa isaan fide; kutaan sun kutaa worra baallii qabaniititti aanee kutaa Maa'iseeyaa ilma Shaalu'ii balbala eeguutii oli. Ani daadhii woyini'ii makarajjii guutu'uu fi mijuu Reekaabota afoo kaayee «Mee daadhii woyini'ii kana dhugaa'a» isaaniin jedhe. Isaan garuu akkana jedhanii naa deebisan, «Nu daadhii woyini'ii hin dhunnu; Iyyonaadaab ilmi Reekaabii abbaan keenna nu'uu fi fiixaan keenna maruu akka daadhii woyini'ii hin dhunne nu ajajeera. Akkasuma akka mana jireennaa hin ijaaranne, akka lafa hin qotannee fi akka lafa biqiltuu woyini'ii itti dhaaban hin midhaassine nutti himeera; lafa tana irra akka keessumma'aa hennaa dheera'aaf akka teennu daasee keessallee akka jiraannu nu ajajeera. Barumsa Iyyoonaadaab nu barsiise maraa fudhanneerra; nu'u, haawwonni manaa teenna, ijoolleen teenna ta dhiiraatii fi ta intalaa daadhii kana hin dhunnu. Mana jireennaa uduu hin ijaaranne daasee keessa jiraanna; hulee woyinii itti dhaabannuu fi hulee midhaan itti facaafannu hin qabnu. Nu'u daasee keessa jiraanneerra; waan Iyyoonaadaab abbaan keenna ka durii nu ajaje maraaf ajajamneerra. Garuu hennaa Nabukadanatsoor mootiin Baabiloonii dhufee biyyattii marse nu loltoota Baabilooniitii fi loltoota Sooriya'aa jalaa dheessinee bayu'uuf gara Yerusaalemii dhaquu murteessineerra; nu amma wonti Yerusaalemiin keessa jiraannuuf kana.» fiixaan Iyyoonaadaabii akka daadhii woyini'ii hin dhunne abbaan isaanii isaan ajaje eeganii haga adhaa daadhii woyini'ii woyiituu afaaniin hin tundhe; ani hennaa maraa deddeebi'ee isinitti hime isin garuu naa ajajamuu diddan. Raattota tajaajiltoota kiyya ta'an deddeebi'ee gara keessan ergeera; isaan akka isin hujii hamaa keessan irraa deebitanii waan qajeelaa hojjattan isinitti himaniiran; akka isin waaqolee tolfamaa ormaatii hin saganne, akka isin isaan hin tajaajille isin seeraniiran; akka isin lafa isinii fi abboota teessan ta duriitii kenne irra jiraattan waan kana maraa isin ajaje; isin garuu ana dhagayu'uu fi dubbii ani isinitti himu fudhatuu hin barbaanne. Fiixaan Iyyoonaadaabii ilma Reekaabii waan abbaan isaanii ka durii isaan ajaje maraa raawwataniiran; isin baniin kiyya garuu naa hin ajajamne. Kanaafuu badii ani Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii isinitti fida jedhee dubbadhe maraa isin worra Yerusaalemii fi Yihuudaa keessa jiraattan marattuu fida; wonti ani waan kana raawwadhuuf waan hennaa ani isinitti dubbadhu dhagayuu diddanii fi hennaa ani isin waamu waan naa deebisuu diddaniif» jedhee akka ajaju natti hime. Kanaan maayessa ani Ermiyaas waan Waandhi Israa'elii Gooftaa banii maraa dubbii gosa Reekaabotaatiif dubbate, «Isin ajaja abbaan keessan ka durii isin ajaje maraa raawwattaniirtan; barumsa isaallee barattaniirtan; waan inni isin ajaje maraa gootaniirtan. Kanaafuu Waandhi Israa'elii Gooftaan banii maraa ‹fiixaa Iyyoonaadaabii ilma Reekaabii keessaa namni hennaa maraa na tajaajilu hin dhabamu› jedha» jedhee isaanitti hime. Iyyo'aaqeem ilmi Iyyoosiyaasii Yihuudaa irratti mooyee woggaa arfeesso'ootitti Rabbi akkana naan jedhe, «Ani Rabbi hennaa sitti dubbachuu jalqabe jechuun hennaa Iyyoosiyaas mooye irraa jalqabee haga ammaa waan Israa'elii, waan banii Yihuuda'aatii fi waan banii kaawwanii dubbii sitti hime maraa kitaaba maramaa irratti barreessi. Baniin Yihuuda'aa hennaa akka ani badii isaanitti fidu'uuf ta'u dhagayan maal laataa hujii ufii hamaa irraa deebi'uu danda'an; anillee yakkaa fi cubbuu isaanii isaanii dhiisa.» Kanaafuu ani ilma Neeriya'aa Baarookiin waamee waan Rabbi natti hime maraa tokko tokkoon itti hima'aa kitaaba marame irratti barreesse. Kanaan maayessa ani seera armaan gadii Baarookitti kenne; «Ammaa achi ani mana woyyuu akka seenu na hin dhiisan. Garuu duranaa hennaa baniin sooma irra jiru akka achi deemtu barbaada dubbii Rabbi natti hime maraa ka ani tokko tokkoon sitti himee kitaaba maramaa irratti barreessite maraa laagaa ol qabadhuu isaanii dubbisi; waan kana banii Yihuuda'aa ka qachoota baadiyya'aa keessa jiranii fi hulee namni maruu itti dhagayutti dubbadhu. Maal laataa baniin dubbii Rabbi lola isaa ka nama sodaachisuu fi bala'aan akka adabu dubbatame dhagayanii gaabbanii hujii ufii hamaa irraa deebi'anii isa kadhatuu danda'anii.» Kanaaf Baarook akkasuma akkuma ani isatti hime mana Rabbii keessa dhaabatee dubbii Rabbii dubbise. Iyyoo'aaqeem ilmi Iyyoosiyaasii Yihuudaa irratti mooyee woggaa shaneesso'oo ji'a sagaleesso'oo keessa baniin Yerusaalemiitii fi baniin qachoota Yihuuda'aa keessaa dhufan Rabbiin irraa araara argatu'uuf hennaa itti sooman labsan. Baarook waan ani itti himee dubbii kitaaba maramaa irratti barreesse maraa akkaataa baniin dhagayuu danda'anitti isaanii dubbise; wonti inni mana woyyuu keessatti godhe kutaa barreessaa Gamaariyaa ilma Saafaanii bira lufeeti; huleen kutaan sun itti argamu ladda dallawa dhaga'aa haarawa karaa seensa mana woyyu'uu gubba'aan karaa bayimaa bira achi lufeeti. Mikiyaas ilmi Gamaariya'aa ka ilma Saafaanii dubbii Rabbi dubbate maraa Baarook kitaaba maramaa irraa dubbisu dhagaye. Inni gara kutaa mana mootumma'aa hulee barreessaan worra baallii qaban itti argamanii dhaqe; barreessaan Eelshaamaa'i, Dalaayaan ilmi Shamaa'iya'aa, Eelnaataan ilmi Akiboorii, Gamaariyaan ilmi Safaaniyaanii, Sedeqiyaas ilmi Hanaaniya'aatii fi worri baallii qaban kuuwwanillee achi turan. Mikiyaas dubbii hennaa Baarook bani'ii dubbisu dhagaye maraa isaanitti hime. Kanaan maayessa worri baalli qaban maruu kitaaba maramaa Baarook bani'ii dubbisa'aa jiru akka fidan akka himu Yihuudiiniin ergan; (Yihuudiin ilma Naataaniyaaniiti, Naataaniyaan ilma Shaalemiya'aati; Shaalemiyaan ilma Kushi'iiti) Baarook kitaaba maramaa san qabatee gara isaanii dhufe. Isaan «Amma taa'ii barreeffama kana nuu dubbisi!» jedhaniin; Baarookillee akkuma isaan isa ajajan godhe. Haga dubbisee raawwateen maayessa waan guddisanii nayaniif wol laala'aa Baarookiin «Nu'u waan kana mootichatti himuu nu barbaachisa» jedhaniin. Achiin maayessa «Attamitti akka waan kana barreessite nutti himi wonti ati barreessite kun dubbii Ermiyaas afaaniin sitti himee?» jedhanii isa gaafatan. Baarook «Dhuga'a! dubbii kana ka tokko tokkoon natti hime Ermiyaas; anillee kitaaba maramaa kana irratti qalamaan barreesse» isaaniin jedhe. Isaanillee «Atii fi Ermiyaas gara biraa deemtanii dhokatuu isin barbaachisa; hulee jirtan eennullee akka hin beenne» jedhaniin. Worri baallii qaban kitaaba maramaa kutaa Eelshaamaa'ii barreessa'aa keessa kaayanii gara hulee mootichi bayuu dhaqanii waan ta'e maraa isatti himan. Mootichi akka kitaaba maramaa isaa fidu Yihuudiiniin ajaje; innillee kitaaba maramaa kutaa Eelshaamaa'ii keessaa fuudhee mootichaa fi worra baallii qaban ka naannaya isaa jiran maraafuu dubbise. Ji'a sagaleesso'ootitti hennaan sun waan ganna ta'eef mootichi mana mootumma'aa keessa hulee ibidda itti bobeessan bira taa'e. Akkuma Yihuudiin kitaaba maramaa san fuula sadihii fi afur dubbisa'aa fixuun mootichi tarsaasa'aa ibidda keessa buusa ture; akkuma kanaan kitaaba maramaa maraa gubee fixe. Mootichinii fi ajajoonni ajajaa loltootaa maruu haga waan kana dhagayan womaa hin sodaanne yookaan gadoonni uffata ufii hin biinxine. Elnaataan, Dalaaya'aa fi Gamaariyaan akka mootichi kitaaba hin gubne kadhatanillee inni isaanii dhagayuu dide. Kanaan maayessa inni Yirimi'eelii hayyicha, Saraayaa ilma Azri'eeliitii fi Shalmiyaa ilma Abdi'eelii woliin akka anaa fi Baarookiin qabu ajaje; nu garuu Rabbitu dhosse. Akka ani mootichatti himu ati kunoo kitaaba maramaa gubdeerta; ‹mootiin Baabiloonii dhufee biyya tanaa fi banii isii keessa jiraatu akkasuma busaawaa maraa akka balleessu wonti raaga dubbatteef maali'i?› jettee Ermiyaasiin gaafatteerta. Ati mootii Iyyo'aaqeem! waan kee wonti Rabbi jedhu kana; fiixaa kee keessaa namni teessoo Daawitii irra taa'u sirimaa hin argamu; reeffa kee hulema arganitti gatanii guyyaa adu'utu guba; halkan qorratu guba. Waan cubbuu hojjattaniif bulchoota ajajaa loltootaa kee sii fi ijoollee tee maraa hin adaba; ati, worri Yerusaalemiitii fi baniin Yihuuda'aa waan ani isin seere woyittuu hin laakkofne; sababaa kanaaf balaa armaan dura isinitti fidu'uuf karoorfadhe maraa isinitti fida» jedhee akka isaanitti himu na ajaje. Kanaafuu kitaaba maramaa biraa fuudhee barreessaa kiyya Baarookitti kenne; inni dubbii ani afaaniin isatti himu maraa itti barreesse akkatama kanaan barreeffama kitaaba maramaa Iyyo'aaqeem mootiin Yihuuda'aa gube barreesse; dubbiin biraallee ka kanaan wol fakkaatu heddutu itti eda'ame. Mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor Sedeqiyaasii ilma Iyyoosiyaasii bikka Ikooniyaanii ilma Iyyo'aaqeemii Yihuudaa irratti moosise. Sedeqiyaas, bulchoonni ajajoota loltootaa yookaan baniin dubbii Rabbi karaa Ermiyaasii raattichaatiin dubbatee hin ajajamne. Mootichi Sedeqiyaas Yookaalii ilma Shelemiya'aatii fi Sofoniyaasii gadicha ilma Maa'iyaanii gara ana Ermiyaasii ergee «Ati waan banii keennaatiif Rabbii Waaqa keenna nuu kadhadhu» jedhanii akka na gaafatan godhe. Ani hennaa san hidhamee hin jiru ture; sababaa kanaaf banii keessa bilisumma'aan deddeema. Hennaa san loltoonni Baabiloonii Yerusaalemiin marsan; loltoonni biyya Misirii garuu akka daangaa lufanii dhufa'aaran haga dhagayan duubatti dheessan. Achiin maayessa worri Baabiloonii deebi'anii dhufanii lolanii qachattii qabatan ibiddaan guban. Rabbi akkana jedha, ‹Worri Baabiloonii uf irra deebi'anii lixan› jettanii uf hin sobinaa'a; isaan uf irra deebi'anii hin deeman. Isin uduu loltoota Baabiloonii maraa mooyattanille'ee worri isaan keessaa madaayanii hafan deebi'anii jajjabaatanii ka'anii qachattii ibiddaan gubanii barbadeessan jedha» jedhee akka isatti himu na ajaje. Akka loltoonni biyya Misiriitii dhufa'aaran haga dhagayan loltoonni Baabiloonii uf duuba deebi'anii turan. Ani dhaala maatii kiyyaa ka na gayu fudhatu'uuf gara bulchiinsa Biiniyaamii dhaqu'uuf Yerusaalemii ka'e. Garuu akkuma achi deemee balbala seensa dallawa Biiniyaamii gayeen bulchaan worra balbala eeguu ka maqaan isaa Yuuriyaa jedhamu ilmi Sheeliyaa ilma ilma Hanaaniya'aa «Ati gantee gara Baabiloonii deemu'uuf taataa!» jedhee na dhaabsise. Anillee, «Akka ati jettu kana ani nama ganee deemuu miti!» jedhee deebiseef; Yuuriyaan garuu na caqasuu hin barbaanne; sirimaa qabee na hidhee gara worra baallii qabanii na fide. Isaanillee guddisanii naan lolanii haga na tumsiisaniin maayessa gara mana Yoonaataa barreessa'aa ka manni isaa akka mana hidha'aa ta'u godhanii keessa na seensisanii balbala natti cufan. Mana lafa jalaa ka itti hidhame san keessa guyyaa heddu taa'e. Haga diqqoo turee mootichi Sedeqiyaas nama ergee na fuusisee mana mootummaa ufii keessatti hojjuma ufii «Dubbii raagaa ka Rabbi sitti hime qabdaa?» jedhee na gaafate; «Ee hin qaba!» jedheenii dubbii kiyya uduu wol irraa hin kunne «Mootii Baabilooniititti dabarsanii si kennan» jedheen. Achiin maayessa ani akkana jedhee isa gaafadhe, «Yakki ani si'i, bulchoota ajajoota loltootaa teetii fi banii kana afo'otti raawwadhee mana hidha'aa kana keessatti na hiisise maali'i? Amma raattonni mootiin Baabiloonii si'ii fi biyya kee irratti balaa hin buusu jedha'aa sitti himan eessa jiran? Kanaafuu mootii kiyya! akka na dhageettee waan ani si gaafadhe naa raawwattu si kadhadha; wonti ani si kadhadhu gara mana hidha'aa ka Yoonaata'aatitti na hin deebisin; yoo ati achitti na deebifte ani hin du'a. Kanaaf mootichi Sedeqiyaas kutaa worra balbala eeganii dallawa mana mootumma'aa keessa na galchanii akka natti cufan ajaje; ani achuma ture; haga qachattii keessaa buddeenni dhumatutti worri buddeena godhu guyya guyya'aan buddeena tokko tokko naa kenna'aa turan. Safaaxiyaan ilmi Maataanii, Gadaaliyaan ilmi Paashihuurii, Yoohakaal ilmi Shelemiya'aatii fi Paashihuur ilmi Malkiya'aa dubbii Rabbi natti dubbatee ani banii barsiise maraa dhagayan. Dubbiin ani dubbadhe kana; «Worri qachattii keessatti hafan maruu lola, beela yookaan bala'aan dhuman namni gara Baabiloonii dhaqee harka kennatu garuu hin du'u; inni lubbuu ufii oolfatu'uuf dheessee jalaa baya.» Dubbiin akka ani isaanitti himu deebi'ee Rabbi natti dubbate «Ani qachattii tana loltoota Baabilooniititti dabarsee kenna; isaan uf jala isii taasisan» jedha. Kanaan maayessa bulchoonni ajajoota loltootaa gara mootichaa dhaqanii akkana jedhaniin, «Namni kun du'uu barbaachisa inni dubbii akkanaa kana dubbata'aa akka loltoonni qachattii keessatti hafan waa hin uggine taasiseera; wonti inni qachattii keessatti namoota maraa irratti raawwatu kana; inni nama banii miidhu malee nama nama gargaaruu miti» Mootichi Sedeqiyaas, «Inni harka keessan jira waan barbaaddan yoo isa irratti gootan ani isin dhooggee hin danda'u» jedhee isaanii deebise. Kanaafuu isaan na qabanii boolla bisaanii ka Hilkiyaasii ilma mootichaa ka baya mana mootumma'aa afoo jiruu na fidanii haadaan na hidhanii boolla keessa na buusan; boolla keessa duduba malee bisaan hin jiru; achi keessatti dudubni na liqimse. Wonti kun maruu ta'ee namni Abemelek jedhamu namni Itoophiya'aa ka mana mootumma'aa keessa tajaajilu akka boolla keessatti na gatan dhagaye; hennaa san mootichi balbala dallawa Biiniyaamii bira yaa'ii murti'iitiif taa'eera. Kanaafuu Abemelek mooticha bira dhaqee akkana jedheen, «Mootii'i! namoonni kunniin balleessaa guddaa raawwataniiran; isaan Ermiyaasiin boollatti gatan; qachattii keessa waan wonti nyaatan hin jirreef inni achitti beelaan du'aara» Kanaan maayessa mootichi Abemelekii nama Itoophiya'aatiin «Nama soddomaa asii qabadhuu deemii Ermiyaas raattichi uduu hin duune boolla bisaanii keessaa baasaa'a» jedhee isa ajaje. Kanaaf Abemelek namoota qabatee deemee mana mootumma'aa hulee meeshaan keessa taa'u seenee carqii yabbu'uu fi uffata moofaa argee haadaan hidhee gad naa buuse. Akka haanni na hin miine akka carqii bobaa keessatti hidhadhu natti hime; anillee akkasuma godhe. Isaan haaduma saniin boolla keessaa harkisanii na baasanii kutaa worra balbala eeganii ka dallawa mana mootumma'aa keessatti argamu keessatti balbala natti cufan. Mootichi Sedeqiyaas nama natti ergee na waamee balbala mana woyyu'uu ka sadeesso'oo biratti «Ani gaafii tokko si gaafadhaa womaa uduu na hin dhossine akka natti himtu barbaada» naan jedhe. Anillee, «Yoo dhugaa sitti hime na ajjeeftuu? ani hennaa kamiinuu uduu si gorsee na dhagawuu hin barbaaddu» jedheen. Kanaaf mootichi Sedeqiyaas «Ani si hin ajjeesu; worra si ajjeesanittillee dabarsee akka si hin kennine maqaa Rabbii jiraataa jireenna nuu kenneetiin sii kakadha!» jedhee dhossa'aan waadaa naa gale. Kanaan maayessa waan Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii waan inni waan isaatiif naan jedhe maraa «Ati worra baallii qaban ka mootichi Baabiloonii ergetti yoo harka kennatte hin duutu; qachaan tunillee hin gubattu; atii fi maatiin kee maruu badii jalaa baatan. Yoo harka isaanitti kennachuu baatte garuu qachattiin tun worra Baabilooniititti dabarfamtee kennamti; isaanillee isii guban; atillee dheessitee jalaa bayuu hin dandeettu» jedhee isatti hime. Mootichi «Ani wonti sodaadhu namoota biyya keennaa ka nu gananii gara Baabiloonii galan yoo dabarsanii isaanitti na kennan isaan guddisanii na miidhan» jedhee naa deebise. Anillee akkana jedheen, «jabaadhu! isaanitti dabarsanii si hin kennanii; akka dubbii Rabbii dhageettu si kadhadha; waan misha'atu sii ta'a; badii jalaa baata. Yoo harka kennachuu didde garuu mudhata Rabbi natti mudhisetu jira. Kunillee dubartoonni mana mootummaa Yihuudotaa keessatti hafan maruu hennaa gara worra baallii qabanii ka Baabiloonii geessu'uuf fuudhanii deemaniin akkana siin jedhan, ‹Goshoonni tee ta dhiyo'oo si dogoggorsaniiran; isaan si irratti mooyaniiran; amma garuu waan lutti tee duduba keessa seenteertuuf si gatanii deemaniiran› siin jedhan» jedheen. Deebi'ee akkana jedheen, «Haawwota manaa teetii fi ijoollee tee maraa gara Baabiloonii fidan; sillee mootiin Baabiloonii qabee hidha; ati sirima isaan jalaa dheessitee hin baatu; qachattii tana ibiddaan gubanii ona taasisan.» Sedeqiyaasi akkana jedhee deebise, «Ati akka hin duune waan woliin dubbanne kana eennullee akka hin beenne. Worri baallii qaban waan woliin dubbanne kana yoo dhagayan dhufanii maal akka woliin dubbanne si gaafatan waan maraa yoo ati isaanitti himuu baatte si ajjeefna jedhanii si sodaachisan. Kanaafuu ‹akka ani achitti hin duune deebitee gara mana Yoonaata'aa na hin deebisin› jedhee isa kadhata'aa ture» jedhii isaanitti himi. Achiin maayessa worri baallii qaban dhufanii na gaafatan; anillee akkuma mootichi naan jedhe san isaanitti hime; anii fi mootichi hennaa woliin mari'annu eennullee waan hin dhageenneef gaafii gaafata'aaran dhaaban. Anillee haga hennaa Yerusaalem qabamteetitti kutaa worra balbala eeganii ka dallawa mana mootumma'aa keessa jiruu keessatti natti cufanii achuma ture. Mootichi Sedeqiyaas Yihuudaa irratti mooyee woggaa sagaleesso'oo ji'a kudhaneesso'oo keessa mootiin Baabiloonii loltoota ufii maraa woliin dhaqee Yerusaalemiin marse. Sedeqiyaas mooyee woggaa kudha tokkeesso'oo ji'a arfeesso'oo guyyaa sagaleesso'ootitti dalloofni qachatti'ii diiggame. Hennaa qachattiin Yerusaalemii qabamte worri baallii qaban ka mootii Baabiloonii dhaqanii karaa dallawa karra wodhakka'aatiin hulee gara garaa qabatan; Nergaal-Shaareer, Samgaar-Nebuu, Saar-Sekiim, namni biraa ka Nergalishaaretser jedhamuu fi akkasuma namoonni biraallee isaan keessatti argaman. Mootichi Sedeqiyaasii fi loltoonni isaa maruu haga waan ta'e maraa argan halkaniin bayanii qachattii keessaa dheessanii bawu'uuf badadanii karaa kolba hulee biqiltuu itti dhaaban ka mana mootumma'aa biraan karaa gara karra dalloofni lamaan wolitti dhufuutiin kutanii gara fuullee dhooqa Yoordaanosiitiin dheessanii bayan. Garuu loltoonni Baabiloonii duubaan isaan ari'a'aa raasaa Iyyaarikoo ladda jiru biratti dhaqqabanii Sedeqiyaasiin booji'anii mooticha Nabukadanatsooriin bira fidan; hennaa san mootichi Nabukadanatsoor qachattii Ribilaa jedhamtee waamamtu ta bulchiinsa Haamaatii jala jirtu keessa ture; mootichi Nabukadanatsoor achumatti mootii Sedeqiyaasitti murteesse. Murtiin kunillee Ribilaa keessatti uduu ijji mootii Sedeqiyaasii argu ijoollee isaa akka ajjeesan taasise; worra baallii qaban ka Yihuuda'aa maraa murtii du'aa isaanitti murteessan. Waan kanniin maraan maayessa Sedeqiyaasiin ija keessaa baasee gara Baabiloonii fidu'uuf haada sibiilaa ka sibiila diima'aatiin hidhe. Worri Baabiloonii dallawa Yerusaalemii maraa diiganii mana mootumma'aatii fi manniin jireennaa ka bani'ii maraa ibiddaan guban. Dhuma irratti Nabuzaardaan hojjataan kabajjamaan worra balbala eegu ajaju ka mootii jala hojjatu banii qachattii keessatti hafanii fi worra firrisanii gananii itti dheessan maraa wolitti qabee haa hidhamani'iif gara Baabiloonii isaan fide. Worra hiyyeeyyii qabeenna woyiituu hin qabne biyya Yihuuda'aa keessatti dhiisee hulee woyinii itti dhaabatanii fi lafa qotatan isaanii kenne. Nabukadanatsoor Nabuzaardaanii kabajjamaa worra balbala eegan ajajuun, «Ka'ii deemii Ermiyaasiin soqii waan inni barbaadu maraa godhiif malee womaanuu isa hin miidhin» jedhee isa ajaje. Kanaafuu Nergaal-Shaarezer Nabushaazibaa, Nergaalishaaretsi jedhamanii namoota baallii qaban ka Baabiloonii kaawwan woliin, Kutaa worra balbala eeganii ka dallawa mana mootumma'aa keessaa hulee ani itti hidhamee akka bayu na taasise; Gadaaliyaa ilma Ahiqaa ilma ilma Saafaaniitiin gara mana kiyyaa na geessan; anillee banii kiyya woliin achi jiraadhe. Uduu ani baya mana mootumma'aa keessatti hidhameeru dubbiin Rabbii gara kiyya dhufe; Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii Abemelekii nama Itoophiya'aa «Akkuma armaan dura dubbadhe qachattii tanatti durummaa uduu hin taane badii fida; ati qachattii tana keessa teettee waan ta'u maraa ija keetiin argita. Garuu ani Rabbi guyyaa san si oolcha diintota ati sodaattutti dabarsanii si hin kennan; ani waan nagayaan si eeguuf hin duutu; ati waan na hedatteef lubbu'uun jiraatta; ka waan kana dubbate ana Rabbi» jedhee akka himu na ajaje. Naabuzardaan kabajjamaan ajajaan worra balbala eeganii Raama'aa haga bilisaan gad na dhiiseen maayessa Rabbi natti dubbate; ani tanaan dura ka achi dhaqe worra banii Yerusaalemiitii fi banii Yihuuda'aa keessaa booji'anii hidhamanii gara Baabiloonii fidan maraa woliin haada sibiilaatiin hidhamee ture. Ajajaan kabajjamaan worra balbala eeganii namoota irraa na fooyee hojja kiyyatti Rabbi Waandhi akka biyya tana balleessu firrisee natti dubbatee ture. Waan hin raawwadha jedhee karoorfate maraa kunoo amma raawwateera; wonti kun maruu ta'eef sababaa isin cubbuu hojjattanii fi waan Rabbii ajajamuu diddaniif. Ani amma haada sibiilaa harka kee irra jiru kana si irraa hiikee bilisa gad si dhiisa; yoo ka ana woliin gara Baabiloonii dhaqu'uuf taatuu akkuma feete ta'i ani waan ati barbaaddu maraa sii godha; yoo achi dhaquu hin barbaanne garuu hafuu dandeetta; kunoo ati biyya maraa waan arga'aartuuf gara hulee ufii feetee deemuu dandeetta. Ani deebii uduu sii hin kennine Nabuzaardaan «Eeganaa ati gara Galaadiyaa ilma Ahiqaamii ilma ilma Saafaanii dhaqi; mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor Gadaaliyaan akka qachoota Yihuuda'aa bulchu muudeera; kanaafuu ati isa woliin banii keessa jiraatuu dandeetta yookaan hulee naa ta'a jettu maraa deemuu dandeetta» naan jedhee achiin maayessa kennaa addaatii fi dhalee qabadhee deemu naa kennee na geegesse. Anillee Gadaaliyaa woliin jiraachu'uuf gara Mitsipha'aa dhaqee banii biyya san keessatti hafanii jiraata'aaran keessa isa woliin achi jiraadhe. Bulchoonni ajajoota loltoota Yihuuda'aatii fi loltoonni hagoon hennaa saniif harka hin kennanne isaan mootiin Baabiloonii Gadaaliyaa bulchaa biyyatti'ii godhee akka muudee fi hiyyeeyyii biyya keessatti hafan ka gara Yihuuda'aa hin dhandhe irratti akka bulchaa isa taasise dhagayan. Kanaafuu ilmi Naataaniya'aa Ismaa'el, ijoollee Qaarha'aa Yohaana'aa fi Yoonaataa, Sarayaa ilma Taahuume'ee, Naxoofaa keessaa ijoollee Eefaahii, Maa'ikaamiin keessaa Yezaaniyaa, namoota isaanii maraa woliin gara Gadaaliyaa Mitsiphaa keessa jiruu fidan. Gadaaliyaan «Ani dhugamaan waadaa isinii gala; worra Baabilooniititti harka kennachuu hin sodaatinaa'a; biyya tana keessatti quphadha'aatii jireenna keessan midhaaffadhaa'a; mootii Baabilooniitii gibira kaffalaa'a; wonti mishaan maruu isinii ta'aa. Anillee waan isin woliin Mitsiphaa keessa jiraadhuuf hennaa worri Baabiloonii gara keessan dhufan ani waan keessaniif bakka bu'ee isinii dhaabadha; isin garuu gandoota keessa jiraattan maraa keessatti hurbuu woyini'ii, dhadhaa ejersaatii fi daraaraa dhaaba biqiltuu biraallee wolitti qaba'aa kaayadhaa'a» jedhee isaanii deebise. Uduma kun akkanatti jiru worri Israa'elii, worri Moo'aabii, worri Amooniin, worri Edoomiitii fi worri biyya gara garaa keessa jiraatan akka mootiin Baabiloonii Yihuudota hagoo hambisee fi Gadaaliyaa bulchaa isaanii taasisee akka muude dhagayan. Kanaafuu hulee itti bittinnaayanii jiraata'aa turan maraa dhiisanii gara Yihuuda'aa deebi'an; gara Gadaaliyaa Mitsiphaa keessa jiraatuullee dhaqanii hurbuu woyini'ii hedduu fi daraaraa biqiltuu biraallee wolitti qabatanii kaayatan. Kanaan maayessa Yohaana'aa fi ajajoota loltootaa ka armaan dura harka hin kennanne maruu gara Gadaaliyaa Mitsiphaa keessa jiraatuu dhaqanii, «Akka Ismaa'el si ajjeesu mootiin Amoonii akka Alisitti sitti erge hin beettuu?» jedhanii isa gaafatan; Gadaaliyaan garuu waan kana hin amanne. Kanaan maayessa Yohaanaan Mitsipha'atti hojja isaatitti akkana jedheen «Ka waan kana godhe eennuun akka ta'e uduu hin beenne dhaqee Ismaa'eliin ajjeesa; inni atta si ajjeessu'uuf si ugge? yoo inni si ajjeese sababaa kanaaf worri Yihuudi'ii ka naannaya kee jiran hin bittinnaayan; inni banii boojuu irraa hafan ka biyya Yihuuda'aa keessa jiraatan irrattillee badii guddaa fida.» Gadaaliyaan garuu, «Wonti ati waan Ismaa'elii dubbattu maruu dhugaa waan hin taaneef sirima waan kana hin godhin» jedhee deebiseef. Baruma kana ji'a arfeesso'ootitti worra gugurdaa baallii qaban ka mootichaa keessaa namni tokko nama maatii moototaa keessaa Ismaa'el ilmi Naataanii ilma ilma Eelshaamaa'ii namoota kudhanii woliin Gadaaliyaa bulchaa biyyaa laalu'uuf gara Mitsipha'aa dhaqe; isaan maruu uduu wol gayanii waa nyaata'aaran, Ismaa'elii fi namoonni kudhanii Gadaaliyaa mootiin Baabiloonii Yihuudaa irratti moosise guraade'een ajjeesan. Ismaa'el Yihuudotaa fi loltoota Baabiloonii worra Mitsiphaa keessa Gadaaliyaa woliin jiranillee uduu hin hafne fixe. Bariisaa san akka Gadaaliyaan du'e eennullee uduu hin beenne dimmaa namoonni saddeettamaa Sheekeemii, Sheelo'oo fi Samaariyaa keessaa dhufan; isaan gaddanii areeda haadatanii, uffata ufii biinxanii fuula ufii taraaranii turan; kennaa midhaaniitii fi hixaana mana woyyuu keessatti kennanillee qabatanii turan. Kanaafuu Ismaa'el booya'aa Mitsiphaa keessaa isaan simachu'uuf baye; haga isaanitti dhiyaate, «Gara Gadaaliyaa ilma Ahiqa'aa koottaa'a!» isaaniin jedhe. Akkuma namoonni sunniin qachattii keessa seenaniin Ismaa'elii ilma Naataaliitii fi worri isa woliin jiran isaan ajjeesanii boollatti isaan gatan. Namoota saddeettamaa keessaa namoonni kudhanii «Yabo'oo nu hin ajjeesin, nu qamadii, garbuu, dhadhaa ejersaatii fi damma qonna keessatti dhoffanneerru heddu qabnaa» jedhanii Ismaa'eliin kadhatan; innillee isaanii araarame. Boolli isaan namoota sanniin ajjeesanii itti gatan sun boolla guddaa mootiin Israa'elii Baa'ishaan hennaa balaa buusu boolla mootiin Aasaan ufiin eegu'uuf qochisiise ture; Ismaa'el boolla san reeffaan guute. Achiin maayessa haawwota manaa mootichaatii fi banii hafan Mitsipha'atti hidhe; kunniin maruu Nabuzaardaanii ajajaa loltoota mootii Baabiloonii akka Gadaaliyaa jala jiraatan yaboo kennee ture; Ismaa'el garuu kanniin maraa booji'ee gara fuullee bulchiinsa Amoonii qabatee ceeye. Yohaana'aa fi worri loltoota masakkan ka isa woliin jiran maruu yakka Ismaa'el raawwate dhagayan. Kanaafuu namoota ufii maraa woliin ari'anii haroo guddaa Gabaa'oniin keessa jiru laddatti dhaqqaban. Worri Ismaa'el hidhee fuudhee deemeen maruu haga Yohaana'aa fi masakkoota loltootaa ka isa woliin jiran argan hin gammadan. Uf irra deebi'anii fiiganii isaanitti makaman. Ismaa'elii fi namoonni saddeetii garuu Yohaanaa jalaa dheessanii gara biyya Amoonii baqatan. Kanaan maayessa Yohaana'aa fi masakkoonni loltootaa ka isa woliin jiran loltoota, dubartoota, daa'immanii fi worra baallii qaban ka Ismaa'el haga Gadaaliyaa ajjeeseen maayessa Mitsiphaa keessaa booji'ee fudhate maraa deebisan. Bulchoonni loltootaa, Yohaanaan ilmi Qaareha'aa, Azaariyaas ilmi Hoshaaya'aatii fi baniin maruu diqqa'aa haga gudda'aa gara kiyya dhufanii ana Ermiyaasiin akkana jedhan, «Yabo'oo waan nu si gaafannu nuu godhi! nu worra baqa irraa hafne maraafuu Rabbii Waaqa kee nuu kadhadhu! nu armaan dura heddu turre, amma garuu akkuma nu arga'aartu kana nu namoota hafeeru. Kanaafuu Rabbi Waandhi kee karaa kam akka deemuu nu barbaachisuu fi maal akka godhuu nu barbaachisu akka nutti mudhisu nuu kadhadhu» Anillee, «Misha'a; akkuma isin gaafattan Rabbii Waaqa keessan isinii kadhadha; waan inni natti mudhise maraa uduu waan tokkollee isin jalaa hin dhossine isinitti hima» jedhee isaanii deebise. Kanaan maayessa isaan akkana naan jedhan, «Yoo ajaja Rabbi Waandhi kee karaa keetiin nu ajaje maraa raawwachuu dinnee dubbii isaatii ajajmuu dhabne inninuu ragaa amanamaa dhuga'aa nutti haa ta'u! Mishaa ta'ee'e, ta'uu baateellee dubbii Rabbii Waaqa keennaatii hin ajajamna; wonti nu gara isaa si erginuuf yoo nu ajaja Rabbii Waaqa keennaa kabajjine wonti maruu nuu ta'a jenneeti» Rabbi guyyaa kudhaniin maayessa natti dubbate; Kanaafuu ani Yohaana'aa fi bulchoota loltootaa ka isa woliin jiran, banii maraa diqqa'aa haga gudda'aa gara kiyya akka dhufan ufitti waamee; akkana isaaniin jedhe, «Rabbiin Waandhi Israa'elii ka isin akka ani kadhaa keessan itti isinii dhiyeessuuf na ergitan akkana jedha, ‹Uduu isin ka biyya kana keessa jiraattaniitii deebisee isin ijaara malee isin hin diigu, isin dhaaba malee isin hin buqqisu, badiin ani isinitti fide guddisee na gaddisiiseera. Akka amma sodaata'aartan kana ammaa achi mootii Baabiloonii hin sodaatinaa'a; ani waan isin woliin jiruuf hunna isaa jalaa isin baasa. Ani garaa isinii laafa; innillee akka garaa isinii laafee biyya teessanitti isin galchu taasisa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.› «Garuu yoo Rabbii Waaqa keessanii ajajamuu diddanii biyya tana keessa hin teennu jettan, Akkasuma isin yoo ‹Gara biyya lolli hin jirree hulee meeshaan shaka shaka jedhu itti hin dhagayamneetii fi gara biyya Misirii ta beelli hin jirre dhandhee jiraanna› jettan, Isin worri Yihuudaa keessatti haftan! waan Rabbi waan keessaniif dubbatu caqasaa'a; Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii ‹Yoo biyya Misirii dhaxxanii jiraachu'uuf murteeffattan; Lolli isin sodaattan sun isin irra gaya; beelli isin sodaattanillee isin faana deema; biyya Misirii san keessatti duutan. Worri dhaqanii biyya Misirii keessa jiraatu'uuf murteeffatan lola, yookaan beela yookaan bala'aan dhuman; isaan keessaa namni tokko hin hafu; balaa ani isaanitti fidu'uuf karoorfadhe jalaallee namni miliqee bayu hin jiru› «Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii akkana jedha, ‹Yoo biyya Misirii deemna jettanii murteeffattan akkuma armaan dura aari'ii fi lolli kiyya banii Yerusaalemii irratti bu'e akkasuma isin irrattillee hin bu'a; isin banii maraafuu worra adabbii hamaa nama sodaachisuun adabame taatan.› » Ani adha deebii isinitti hime, isin garuu dubbii Rabbi Waandhi keessan akka isinitti himuuf natti hime maraaf hin ajajamne. Kanaafuu isin amma hulee dhaxxanii jiraachu'uuf taatanitti lola, beelaa fi bala'aan akka duutan beekaa'a.» Waan Rabbi Waandhi isaanii akka bani'itti himuuf na ajaje maraa isaanitti himee fixe; Achiin maayessa Azaari ilmi Hoshaaya'aa Yohaanaa ilma Qareha'aatii fi namoonni uf jajan ka biraa maruu akkana jedhan, «Ati hin soba'aarta; Rabbi Waandhi keenna akka nu biyya Misirii dhandhee hin jiraanne akka nutti himtu sitti hin himne. Akka worri Baabiloonii nu irratti baldanii fi yoo barbaadan akka nu ajjeesan yookaan booji'anii gara Baabiloonii akka nu fidan ka nutti kakkaase Baarookii ilma Neeriya'aati.» Akka kanaan Yohaana'aa fi bulchoonni loltootaa maruu akkasuma gosa bani'ii keessaa eennullee biyya Yihuuda'aa keessa jiraachu'uuf ka ajaja Rabbii raawwate hin jiru. Kanaan maayessa Yohaana'aa fi bulchoonni loltootaa worra Yihuudaa keessatti hafan maraa gara biyya Misirii fidan; kunillee haga armaan dura banii ormaa keessa bittinnaayanii jiraata'aa turaniin maayessa deebi'anii garuu banii gara biyya Yihuuda'aa deebi'anii turan jechuun, Dhiiraa fi intala, daa'immanii fi haawwonni manaa mootichaallee uduu hin hafne fudhatan; Nabuzaardaan ajajaan loltoota Baabiloonii worra akka baallii Galaadiya'aa jala jiraataniif dhiise maraa akkasuma anaa fi Baarookiinillee fudhatan. Ajaja Rabbii didanii gara biyya Misirii dhaqanii haga qachaa Xaafnaasii gayan. Achitti Rabbi akkana naa jedhe, «Dhagaa gugurdaa hagoo soxxee haga argiteen maayessa ijoollee Israa'elii keessaa namoonni hagoon uduu si laalan lafa balbala mana mootumma'aa afoo ka simmiintoo irraa hojjatame jalatti awwaali. Achiin maayessa ani Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii akka ani tajaajilaa kiyya Nabukadanatsoorii mootii Baabiloonii gara hulee kanaa fidee inni hulee ati dhagaa dhaabde kana irratti teessoo ufii kaayatee daasee mana mootumma'aallee akka dhaabatu isaanitti himi. Nabukadanatsoor dhufee biyya Misirii mooyata; worri akka dhibe'een du'an isaanitti murtaaye dhibe'een du'an; worri akka booji'aman itti murtaaye hin booji'aman; worri lolaan akka du'an itti murtaaye lolaan du'an. Manniin waaqolee tolfamaa biyya Misirii gubee waaqolee tolfamaa isaanii booji'a; akkuma tisseen kadhoo dachaa uffattu, biyya Misiriillee bulchiinsa ufii jalatti dachaa godhee uduu womaa hin miidhamne moote'een achii baya. Inni soodduuwwan dhaga'aa ka biyya Misirii jedhamtu keessatti argamu hin diiga; waaqolee tolfamaa biyya Misiriitii fi manniin woyyuullee hin guba.» Rabbi worra Israa'elii Migidoolii biyya Misirii keessa jirtu ta gara kaabaa, Xaafnaasii fi qachoota Memfiis jedhaman keessa jiraatanii fi worra gara kutaa biyya gara kibbaatiin jirtu keessa jiraatan maraaf natti dubbate. Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii akkana jedhe, «Badii ani Yerusaalemii fi qachoota Yihuuda'aa garii maraa irratti fide isinuu argitaniirtan; isaan ammallee akkuma diiggamanitti jiran; eennullee isaan keessa hin jiraatu. Sababaan wonti kun maruu ta'eef waan qachattii san keessa jiraatanii hujii hamaa hojjatanii na aarsaniif isaan waaqolee tolfamaa ormaatii ciincaa dhiyeessan waaqolee tolfamaa isaan, isin, yookaan abboonni teessan ta durii hin waaqeffanne waaqeffatan; Akka isin waan hamaa ani jibbu kanniin hin goone akka isin seeran raattota na tajaajilan deddeebi'ee gara keessan erga'aa ture. Isin garuu dubbii isaan isinitti himan dhagawu'uuf fi ija gati'iitiinillee laaluu hin barbaanne; isin waan hamaa barattan ka waaqolee tolfamaa ormaatii dhiyeessitan dhiisuu hin barbaanne; Kanaafuu ani qachoota Yihuuda'aatii fi karaa Yerusaalemii maraa irratti lolaa fi aarii kiyya buusee akka ibiddaan gubatan godhe; isaan haga adhaa akkuma amma mudhata'aaran maruu diiggamanii ona ta'aniiran. «Amma ani Rabbii Gooftaa banii maraa Waaqa Israa'eliitiin isin gaafadhaa isin maaf waan hamaa kana maraa gootan? banii Yihuuda'aa keessaa namni tokkollee fiixamaafuu akka hin hafne badiin dhiiraa fi intala, ijoolle'ee fi daa'immanitti akka dhufu maaf barbaaddan? Biyya Misirii ta dhuftanii keessa jiraata'aartan tana keessatti waaqolee tolfama'aa sagadu'uu fi waaqolee tolfamaa ormaatii ciincaa dhiyeessa'aa maaf na aarsitan? yookaan baniin lafa irra jiraatu maruu akka isin irratti baldanii fi akka maqaa keessan maqaa abaarsaa godhan uf balleessuu barbaaddanii? Isin hujii hamaa karaa abboota teessan ta durii, mootota Yihuuda'aatii fi haawwota manaa isaanii, isinii fi haawwota manaa teessaniitiin qachoota Yihuuda'aatii fi karaa Yerusaalemii maraa irratti raawwatame hin irraanfattanii? Isin garuu haga adhaa gad uf qabdanii gara laafeyyii taatanii ulfinna naa hin kennine; seeraa fi bulchiinsa ani abboota teessan ta duriitii kenneen jabaattanii jiraachuu hin barbaanne. «Kanaafuu ani Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii isinitti aaree Yihuudaa maraa barbadeessa. Worra Yihuudaa keessa jiran ka baqa irraa hafan ka gara biyya Misirii dhaqanii jiraachuu murteeffatan maraa akka badan taasisa; diqqa'aa haga gudda'aa lola, yookaan beelaan biyya Misirii keessatti du'an baniinillee du'a isaaniitiin nayan, baniin maruu isaanitti baldan, maqaa isaaniillee maqaa abaarsaa godhan. Akkuma ani Yerusaalemiin lola, beelaa fi bala'aan adabe akkasuma biyya Misiriillee hin adaba. Worra Yihuudaa keessatti baqa irraa hafanii gara biyya Misirii deemanii achi jiraatan keessaa namni dheessee bawu yookaan hafu tokkollee hin jiru; biyya Yihuuda'aa ta deebi'anii keessa jiraatu'uuf hawwanitti eennullee hin deebi'u; worra baqatan hagoo malee ka deebi'ee galu hin jiru. Worri dhiiraa ka akka dubartoonni isaanii waaqolee tolfamaa biraatii ciincaa dhiyeessan beekan maruu worri Israa'elii ka biyya Misirii gara kibbaatiin jiranii fi dubartoonni achi dhaabata'aa turan maruu woliin gara kiyya dhufanii, «Waan ati maqaa Rabbiitiin nutti dubbatte maraa dhagawuu hin barbaannu; nu'u waan hin raawwanna jennee yaanne maraa hin goona; nu waaqa tolfamaa teenna ta mootittii sami'ii jedhamtuu hixaana hin aarsina; nu'u abboonni teenna ta durii mootonni teennaa fi bulchoonni teenna qachoota Yihuuda'aatii fi akkaatama karaa Yerusaalemiititti godha'aa turre san ammallee kennaa daadhii woyini'ii isi'ii dhiyeessina; hennaa waan kana maraa goonu san atoota heddu qabna; nu dureeyyii waan turreef rakkoo woyiituu hin qabnu. Garuu urga mootittii sami'iitii ciincaa ciincawuu fi kennaa daadhii woyini'ii dhiyeessuu dhiifnee jalqabee bu'aan nu arganne hin jiru; baniin keenna lolaa fi beelaan dhumaniiran. Dubartoonnillee hennaa nu maqaa mootittii sami'iitii bixilee goonu, hennaa ciinca'aa fi kennaa daadhii woyini'ii dhiyeessinu wonti nu abboota manaa keenna irraa fooyamnee goone tokkollee hin jiru.» Dhiira, dubartootaa fi banii akkaataa kanaan naa deebisan maraan akkana jedhe, «Akkuma armaan dura isinii fi abboonni teessan ta durii, mootonni teessanii fi bulchoonni teessan, baniin biyyatti keessa jiraatan maruu qachoota Yihuuda'aatii fi karaa Yerusaalemii keessatti hixaana aarsa'aa turan Rabbi hin qaabatu yookaan irraanfateera jettanii yaaddanii? Kunoo amma biyyi teessan barbadooftee namni isii keessa jiraatu hin jiru; biyyattiin nama jibbisiifti; baniin maruu akka waan isiin abaaramteetitti laalan; Rabbi hujii keessan ka didda'aatii fi ka hammeennaa maraaf isinii hin obsu. Wonti balaan kun maruu isin irra gayeef waan isin waaqolee tolfamaa ormaatii ciincaa dhiyeessitanii Rabbiin gaddisiiftanii seera isaa ka tumameefillee ajajamuu diddaniif.» Isin Yihuudonni worri biyya Misirii keessa jiraattan dhiirtinii fi dubartoonni maruu Waan Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii jedhu dhagayaa'a; «Isinii fi haawwonni manaa teessan mootittii sami'iitii waan woreega galtan kennu'uuf waadaa galtaniirtan; kunillee isin isi'ii hixaana aarsu'uu fi kennaa daadhii woyini'iillee isi'ii dhibaasu'uuf waadaa galtan raawwattaniirtan; eeganaa isin waadaa deebitanii galtan eega'aa raawwadhaa'a. Garuu worri Israa'elii ka biyya keessa jiraattan maruu waan ani Rabbi maqaa kiyya jaba'aan kakadhee murteesse dhagayaa'a; isin keessaa namni tokkollee ‹Rabbii jiraataa› jedhee maqaa kiyyaan akka kakatu ani itti hin dhiisu. Ani waan mishaa uduu hin taane akka wonti hamaan isin irra gawu godha; isin keessaa namni tokkollee uduu hin hafne lolaa fi beelaan duutan. Garuu isin keessaa Yihuudonni hagoon hafan biyya Misiriitii gara biyya Yihuuda'aa hin deebi'an; hennaa san worri gara biyya Misirii baqatan dubbiin kiyya yookaan dubbiin keessan kamtu akka dhugaa ta'e adda baasanii beekan. Hennaa ani hulee kanatti isin adabu ‹badii isinitti fida› jedhee dubbiin ani dubbadhe akka dhugaa ta'u ani Rabbi isinii mirkaneessa. Akkuma ani Sedeqiyaasii mootii Yihuuda'aa ka armaan dura diina isaa ta'e mootii Baabiloonii Nabukadanatsoorii Misirii ka Hoofiraa jedhamu diintota isaa ka isa ajjeesu'uuf ta'anitti dabarsee isa kenna» jedhee isaanitti hime. Iyyo'aaqeem ilmi Iyyoosiyaasii Yihuudaa irratti mooyee woggaa arfeesso'ootitti Baarook dubbii ani afaaniin itti hime maraa kitaaba maramaa keessatti barreesse. Dubbii Rabbi Waandhi Israa'elii waan Baarookiitiif dubbate akkana jedhee itti hime, «Rabbi uduu ani dhibameeru gadda natti eda'ee uduu womaa hara hin baafanne dadhabee waan woyata'aaruuf na hobbaas!» «Ani Rabbi garuu waan ufii ijaare hin diiga; waan dhaabellee hin buqqisa; waan kana maraa lafa marattuu hin godha. Eganaa ati akka ani waan mishaa sii godhu hin barbaaddaa? waan kana soquu si hin barbaachisu; ani balaa nama maraa irrattuu hin fida; garuu hulee ati dhaxxu marattuu wonti biraa yoo hafe akka lubbuun tee haftu godha; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» «Wontee keessan qopheeffadhaa'a; gara dirree lolaa deemaa'a; Faradoo teessan lugaama'aa faanoo irra ejjadhaa'a, gulloo ulfinnaa godhadha'aa; woraana keessan midhaaffadhaa'a; uffata keessan ka lolaallee uffadhaa'a. Garuu wonti ani arga'aaru kun maali'i? isaan sodaatanii uf irra dacha'aaran; loltoonni isaanii mooyatamaniiran; hulee maraanuu wonti nama sodaachisuu fi raafamni waan jiruuf uduu uf duuba gara galanii hin laalle gara afo'oo dheessan. Garuu worri guddisanii fiiganuu dheessanii hin bayan; worri jajjabaanillee uf hambisuu hin danda'an; Efraaxisii gara kaabaatitti gufatanii kufan. Ka akka laga abbaayii utaalu, ka akka bisaan guutee dhangala'uu kun eennu? Ta akka laga Abbaayii kaatee fi lanni guuttee daangaa maraa irratti yaatu tun biyya Misiriiti; biyyi Misirii akkana jetteerti; ‹ani ka'ee adunyaa maraa woliin gaya; qachootaa fi banii isii keessa jiraatu maraa hin balleessa. Akka faradoon gara afo'oo deeman, konkolaataan fardaallee fiigicha nama sodaachisuun akka konkolaatan ajajaa'a; namoota Itoophiya'aa fi Liibiya'aa wontee ufii qabatanii dhufanii fi namoota jajjabaa eboo darbatan ka Liidiyaa keessaa dhufaniin wolitti loltoota jabaatanii leenji'an ergaa'a» jedha Rabbi. Guyyaan kun guyyaa Rabbi Waandhi banii maraa filate; inni adha diintota ufii adabee haluu baya; guraadeen isaa namoota heddu fixa; dhiigaan maanxama; Rabbi Gooftaan banii maraa worra booji'aman ka gara kaabaa ka laga Efraaxisii biratti argaman ciincaa godha. Ati biyya Misirii ta akka durbaatitti laallamtu! gara Gala'aadii deemi; qoricha dibatan soqi; qorichi kee maruu duwwa'a; wonti si fayyisu sirima hin jiru. Baniin maruu salphinna kee dhagayaniiran; baniin adunya'aa maruu iyya kee dhagayaniiran; loltuun tokko loltuu biraa yoo gufachiise maruu wol qabatanii kufan. Rabbi Nabukadanatsoor mootiin Baabiloonii gara biyya Misirii dhufee akka balaa buusu'uuf ta'u akkana jedhee natti dubbate; «Qachoota biyya Misirii Megedoo, Meemfiisii fi Xaafnaasitti dubbii kana labsi; ‹uf irraa dhooggu'uuf qophaayaa'a; wonti naannaya keessan jiru maruu lolaan bada. Waandhi tolfamaan Aphis jedhamu ka isin jaba'a jettan maaf kufe? waan Rabbi dhiibee isa kuffiseefii mii? Worri isaan jala deeman gufatanii wol irratti kufan; isaan ‹guraadee diinaa jalaa dheessinee banii biyya keennaatitti akka makamuu dandeennu haa ariifannuu› woliin jedhan. Mootii biyya Misirii maqaa haarawa ‹nama suuraa cadhisee odeessu ka hiree ufiititti hin fayyadamne› jedhuun waaman. Mootiin maqaan isaa ‹Rabbii Gooftaa banii maraa› jedhamu akkana jedha, «Ani jiraata'a; akkuma gaarran jiddu'utti, Taaboor, qarqara galaanaatitti Qarmeloos ol jedhanii mudhatan akkasuma hunni isin irratti ol jedhee mudhatu hin dhufa. Isin banii biyya Misirii, waan booji'amtanii deemtaniif, meeshaa keessan midhaaffadhaa'a; Meemfiis diiggamtee gammoojjii namni keessa hin jiraanne taati. Biyyi Misirii akka raada qananiiteeti; isiin qarxaasaa nama nyaatu ka gara kaabaatii dhufuun qabamti. Loltoonni isi'ii ta hori'iin qaxaraman akka mirgoolee qananiiteeti; isaan uf irra gara galanii dheessan; guyyaan murti'iitii fi badi'ii waan isaan irra gayeef, jabaatanii loluu hin danda'an. Banii biyya Misirii baniin biyya kaabaa waan mooyataniif isaan hin saalfatan; ka waan kana dubbate ana Rabbi jedha» jedhee natti dubbate. Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii akkana jedha, «Ani biyya Misirii waaqolee tolfamaa isi'iitii fi mootota isi'ii, Amoonii Waaqa Tebisii, mootii biyya Misiriitii fi worra isa hedatan maraa hin adaba. Ani mootii Baabiloonii ka isaan ajjeesuu barbaaduu fi loltoota isaa maratti dabarsee isaan kenna; kun ta'ee haga diqqoo tureen maayii akkuma armaan dura ta'e, biyyi Misirii deebitee ta namni keessa jiraatu taati; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Israa'el! ijoollee Yaaqoobii tajaajilaa kiyyaa! hin sodaatinaa'a; abdiillee hin kutatinaa'a; ani isin biyya fago'oo fiixaa keessanillee biyya itti booji'amanii oolcha; isin ammallee eennullee uduu isin hin sodaachisin nagayaa fi gammachu'uun jiraattan. Israa'el tajaajiltoota tiyya ani waan isin woliin jiruuf hin sodaatinaa'a! ani banii biyya isin keessa bittinnooftanii keessa jiraattan godhe maraa hin adaba; Ani sirima isin hin balleessu; isin qajeelchu'uuf garuu isin adaba; uduu isin hin adabne isin hin dhiisu; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Mootiin biyya Misirii uduu Gaazaa irratti balaa hin buufneen duratti Rabbi waan Filisxeemii akkana jedhee natti dubbate. Rabbi akkana jedha, «Kunoo bisaan gara kaabaatii ka'ee akka laga lolaan guutee yaa'ee; lafaa fi waan lafa irra jiru maraa qachootaa fi banii isii keessa jiraatu maraa hin dhossa; baniin maruu gargaarsa argachu'uuf iyyan; namoonni lafa irra jiraatan maruu mararamanii booyan. Sababaa laagaa faradoo yaabbatanii gulufanii laagaa konkolaata'aa ka diintonni yaabbatanii sababaa huursuutiif, abboonni hunna dhabanii waan dadhabaniif ijoollee ufiituu gargaaru'uuf uf duuba hin deebi'an. Hennaan Filisxeem itti baddu gayeera; worri du'a irraa hafanii Xiroosii fi Siidonaa gargaaran maruu hennaan isaan mummuramanii hafan dhiyaateera; ani Rabbi worra Filisxeemii fiixaa Kaaftoorii ka du'a irraa hafanii qarqara galaanaa jiran maraa hin balleessa. Baniin Gaaza'aa gaddanii mataa haadatan; baniin Asqaloona'aa maruu akka cadhisan taasisan; worri badii irraa hafan ka dhooqa Filisxeemii keessa jiran ka nafa ufii ciccira'aa gaddan haga yoomiiti? ‹Guraadee Rabbii! yoom hujii irraa hara baafatta? yabo'oo qola keetitti deebi'ii hara baafadhu› jedha'aa iyyitan. Garuu hujii ani Rabbi isatti kenne uduu hin raawwanne attamitti hara baafata? ani banii Asqaloona'aa fi daangaa isi'ii irra jiran irratti akka balaa buusu ajajeeraan.» Wonti Rabbi Gooftaan banii maraa waan Moo'aabii jedhu kana, «Nabo waan barbadooftuuf, banii Naboo keessa jiraatuu hobbaas! Qiriyaati diina ufii harkatti kufti; kusheewwan isi'ii jajjabaanillee hin barbadaayan; baniin isi'iillee salphinna irratti kufan. Ulfinni Moo'aabii hin lufa; namoonni Hasebooniin kuffisu'uuf seera tumatan; ‹koottaa'a, akka isiin ammaa achi banii hin taane isii balleessinaa› jedhan; isinillee namoota Maadime'ee! waan guraade'een isin ari'aniif akka cadhiftan isin taasisan. Iyya diiggamsaa fi badii Horonaayiin irra gayu caqasaa'a. «Moo'aab barbadoofteerti; ijoolleen isi'iillee hin iyyan. Hennaa gara Luhiitii dhaqan mararamanii booya'aa dhaqan; hennaa gara dhooqa Horonaayii gad bu'anillee sababaa diiggamaniif rakkatanii iyyan. Isaan ‹uf oolchu'uuf ariifadha'aa fiigaa'a! akka harree diidaa ka lafa gammoojji'ii keessa ooluutitti dheessa'aa jalaa bayaa'a!› woliin jedhan. «Isin banii Moo'aabii! hunna keessanii fi baay'inna qabeenna keessanii hedattanii turtan, amma garuu isin maruu hin booji'amtan; waandhi tolfamaan Kaamosh jedhamu abboota murti'ii jajjaba'aa fi gadoota woliin booji'anii fudhatan. Akkuma Rabbi dubbate ka waa balleessu gara qachoota maraatuu hin dhufa; qachaan milixxee jalaa baatu hin jirtu; qile'ee fi raasaallee hin balleessa. Akka isiin sirima baddu biyya Moo'aabiititti sooqidda firfirsaa'a; qachoonni isi'ii ona namni keessa hin jiraanne taati. Namni hujii Rabbiititti rincicu, ka gara'aan hojjatee hin raawwanne ka abaarame haa ta'u! namni hennaa Rabbi akka inni guraade'een balleessu isa ajaje hin goone ka abaarame haa ta'u! Rabbi akkana jedha, «Akkuma daadhiin woyini'ii ka meeshaa tokko keessaa gara meeshaa biraa uduu gara hin galchine booruu woliin taa'u mi'aan isaa hin jijjiiramnee akkuma jirutti taa'a; urgaan isaallee ka hin jijjiiramnee akkasuma baniin Moo'aabii hennaa biyyi isaanii ijaaramte irraa jalqabee uduu hin raafamne jiraataniiran; booji'amaniillee hin beekan. Akka nama ottee tokko keessaa daadhii woyini'ii ottee biraatitti buusee ottee duwwaa cabsuutitti, ani Moo'aabiin ka isa diiguu fi ka banii isi'iillee achi keessaa bittinneessu isaanitti erga. Akkuma worri Israa'elii waaqa tolfamaa ufii dhaabatanii hedatan ka Beeteeliin keessa jirutti saalfatan, akkasuma worri Moo'aabiillee waaqa tolfamaa Kaamosh jedhamutti hin saalfatan. «Isin namoota Moo'aabii! ‹Nu'u loltoota jajjaba'aa fi worra mala lolaa beeku jedha'aa maaf dhaadattan? ka isin balleessu dhufeera. Biyyi Moo'aabiitii fi qachoonni isi'ii barbadaayaniiran; dargaggeeyyiin babbareeddan isaaniillee bakka itti goorra'amanitti gad bu'an; ani mootiin waan kana dubbadheera; maqaan kiyyallee ‹Waaqa banii maraati.› Badiin worra Moo'aabii dhiyaateera; hennaan isiin itti diiggamtullee dafee dhufa. «Isin baniin gurra isi'ii beettanii fi worri naannaya isi'ii jiraattan maruu, ‹bokkuun hunna mootummaa isi'ii ka malkata baallii isi'ii attamitti cabe› jedha'aa isi'ii booyaa'a! amma ka akka kusheewwan isi'ii diiggamee hafu taasisuu fi ka Moo'aabiin diigu waan as jiruuf, worri qachaa Diboonii keessa jiraattan maruu hulee ulfinnaa keessan irraa bu'a'aatii lafa daara'aa irra taa'aa'a; Isin worri Aro'eeriin keessa jiraattan maruu, karaa qaccee dhaabadha'aatii dhiira dheessuu fi intala dheessitu maraa qaba'aa gaafata'aa waan ta'e maraa hubadhaa'a. Moo'aab diiggamtee waan salphattee kufteef banne banne jedha'aa booya'aaf; akka isiin ona taatellee laga Aarnoonii laddatti dubbadhaa'a. Hunni Moo'aab lola uf irraa dhooggituun cabeera; baalliin isi'ii irraa fudhatameera; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Rabbi akkana jedha, «Moo'aab waan uf jajjee natti kaateef kootta'aa waan nama macheessu obbaasa'aa isii macheessaa'a, haqqiftee irratti gangalattee baniin itti haa kolfuu; Ati Moo'aab! yoma Israa'el hattoota woliin hin qabamneellee ati isii waan itti baldan godha'aa adaduma waan isi'ii dubbattuun mataa raasa'aa turte. «Isin worra Moo'aabiin keessa jiraattan! akkuma handariin afaan qile'eetitti mana ijaarattu akkasuma isinillee qachoota teessan dhiisa'aatii holqa dhaga'aa keessa jiraadhaa'a. Ani akka Moo'aab guddiftee boona'aa ol uf guddiftee uf tuulteertuu fi akka isiin onnee jabaatteertu dhagayeera. Ani uf jajuu isi'ii hin beeka; dhaaduunii fi hujiin isi'ii duwwa'a. Ani Moo'aabii bade bade jedhee booya; worra Moo'aabii maraaf laagaa kiyya ol qabadhee iyya; namoota Qirihaaresiitiif gadda'aa booya. Booya banii Yaa'izeeriitii booyu caalaa banii Sibima'aatii iyya'aa booya; qachaa Sibima'aa! ati akka dhaaba biqiltuu woyini'ii ka haafni isaa galaana du'aa lufee haga Yaazeerii gayuuti; garuu daraaraa kee ka gayee fi ka hurbuu kee balleessu dhufeera. Gammachu'uu fi burraaquun biyya Moo'aabii laliftuu irraa fudhatameera; hulee daadhii woyini'ii itti cuunfan keessaa akka daadhiin woyini'ii jigu taasiseera; ka laagaa gammachu'uu dhageessisa'aa cuunfu hin jiru; yoma laagaa dhageessisellee laagaan sun ka gammachu'uutii miti. Baniin Hasebooniitii fi baniin Eel'aale'ee laagaa ufii ol qabatanii iyyan; laagaan iyya isaanii haga Yaahatsii Tsoo'aarii haga Horonaayimiitii fi Eeglaat-shilishiya'aatitti dhagayameera; lanni Niimriiniituu gogeera. Ani worra hulee worri Moo'aabii itti sagadanitti ciincaa dhiyeessanii fi worra waaqa tolfamaa ufiitiillee ciincaa dhiyeessan hin balleessa jedha Rabbi. «Ani sababaa baniin biyya Moo'aabiitii fi Qireharasiin keessa jiraatan waan qaban maraa waan dhabaniif akka namoota boobaa afuufamu caqasa'aa booyaniititti isaanii booya. Baniin Moo'aabii gamo'oo fi karaa irratti booyan, baniin mata'aa fi areeda haadatan, harka ufii hin mummuran, uffata gaddaallee hin uffatan. Ani Moo'aabiin akka meeshaa hin barbaachifneetitti waan isii cabseef gamoo gubba'aa fi bayima marattuu booyaa achi wonti biraa hin dhagayamu. Moo'aab wonti boottuuf waan nama naasisu maaltu isii irra gayeeti? attamitti isiin salphattee dudda galti? kanaafuu isiin ollaa ufii maraa biratti ta itti baldanii fi ta naasu'uu taateerti.» jedha. Rabbi diinni Moo'aabiin irratti akka bajjaa koola badhisee gubba'aa gad bu'uutitti akka dhufa'aaran dubbate. Qachootaa fi kusheewwan isi'ii maraa hin qabatan; hennaa san loltoonni Moo'aabii akka dubartii ciniinsifattuutitti sodaatanii hollatan. Moo'aab waan natti uf jajjeef hin barbadoofti; ammaa achi mootummaa taatee hin beekkamtu. Banii Moo'aabii «Raafama, boolli nama gufachiisuu fi siiboo isaan qabutu isin eega» jedha Rabbi. Ka raafama jalaa dheessu boollatti bada; ka boolla keessaa utaalee bayu maraa siibo'otu qaba; ani guyyaa Moo'aabiin itti adabu hin fida» jedha Rabbi. Worri baqaan dheessanii dadhaban gaaddisa Haseboonii jalatti quphataniiran; sababaan wonti kun ta'eef ibiddi Haseboonii, arrabni ibiddaallee manniin Sihoonii keessaa bayee loltoota worra Moo'aabiitii fi qachoota isaan gargaaran maraa waan gubeef. Banii Moo'aabii isin hobbaas! baniin waaqa tolfamaa Kaamosh jedhamuu sagadan diiggamaniiran; ijoolleen isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa booji'amaniiran. «Ta'ullee hennaan ani qabeenna Moo'aabii deebisu hin dhufa» jedha Rabbi; murtiin waan Moo'aabiitiif murteeffame as irratti dhumata. Rabbi waan Amoonii akkana jedha, «Israa'el ijoollee dhiiraa hin qabuu? worra isa dhaalullee hin qabuu? eeganaa worri waaqa tolfamaa Milkoom jedhamu waaqeffatu gosa Gaadii gad dhiisisiisanii wonti qachoota isi'ii keessatti quphataniif maali'i ree? Kanaafuu hennaan ani laagaa lolaa Raabaa qachattii Amooniin keessa jirtu keessatti dhageessisu hin dhufa; isiin ona waan diiggame keessatti tuulan taati; gandi isi'iillee ibiddaan gubaman; kanaan maayessa worri Israa'elii worra armaan dura isaan saama'aa ture deebi'anii saaman. Qachaan Aayii waan diiggamteef baniin ganda qachaa Raama'aa keessa jiraattan maruu guddisa'aa iyya'aa booyaa'a! waandhi tolfamaan Milkoom jedhamu gandoota ufiitii fi worra isa gargaaran woliin booji'amee waan deemeef uffata gaddaa uffadha'aatii dallawa isi'ii keessatti asii fi achi deema'aa booyaa'a! Isin wonti hunna keessan ka dhumata'aa deemu hedattaniif maali'i? isin banii amantii hin qabne ‹ka balaa natti buusu eennu?› jettanii qabeenna ufii tuulattaniin dhaadattaniirtan. Ani hulee maraa raafama isinitti fida; isin maruu hin dheessitan; isin waan gara afo'oo dheessitanii bittinnooftaniif namni worra baqatee dheesse wolitti qabu hin jiru. «Henna'aan maayessa garuu qabeenna worra Amoonii hin deebisa; ka waan kana dubbate ana Rabbi» jedha. Wonti Rabbi Gooftaan banii maraa waan Edoomii dubbate kana; baniin qachaa Teemaanii ogummaa armaan dura qaban hin dhabanii? worri isaan gorsu gorsa isaanii kennuu dadhabee? Hennaa fiixaa Eesawu'uu adabu waan rakkinni isaan irra gayuuf isin baniin qachaa Deedaanii uf duuba gara gala'aa dheessaa'a! holqa keessatti dhokadhaa'a! Namoonni hennaa woyinii irraa hurbuu guuratan, biqiltuu woyini'ii irratti hurbuu garii hin dhiisan, worri saamullee halkaniin dhufanii haga barbaadan irraa guuratan. Ani garuu fiixaa Eesawu'uu qullaa hambisa; hulee isaan itti dhokatanittillee ifa isaan baasa; kanaafuu ammaa achi isaan hulee itti dhokatan hin argatan; ijoolleen isaanii, firri isaaniitii fi ollaan isaaniillee hin badan, isaanillee hin badan. Ijoollee isin woliin jiraatan ta abboonninii fi haawwonni irraa dhuman dhiisaa'a ani isaan jiraachisaa, haawwonni manaa ta abboota worraa ajjeefatan na haa abdatanii. Eeganaa worri adabbiin isaan hin barbaachifne mijuu adabbi'ii yoo ka afaaniin qaban ta'e isin adabbii malee waan haftan seetanii? miti isin mijuu adabbi'ii dhuguu isin barbaachisa. Akka qachaan Bootsira'aa lafa onaa ka nama sodaachisu taatee haftu ani maqaa kiyyaan kakadheera; namni maruu itti balda; maqaa isi'iillee akka maqaa abaarsaatitti laalan; gandiin naannaya isi'ii jiran maraa baraa haga bara baraa hin diiggaman; ka waan kana dubbate ana Rabbi. Ani ergaa tokko Rabbiin irraa dhagaye; «Ergamaan isin banii Edoomii irratti balaa buusu'uuf wol gaya'aa ka'aa'a!» jedhee bani'itti dubbatu ergameera. Ani eeganaa si'i mootota jiddu'utti diqqoo, namoota jiddu'uttillee tuffatamtuu si taasisa. Ati ta qilee dhagaa qarsa'aa irra jiraattu, ta haga qaccee gaaraallee geettu! sodaatamuun keetii fi uf jajuun onnee keetii si gowwoomsaniiran; yoma hagamillee hulee ufii jiraattu akka mana bajjaa yoo ol fageessitee ijaarattellee ani achi irraa gad si buusa jedha Rabbi.» Rabbi akkana jedha, «Eedoom ta nama naasiftu taati; namni hennaa karaa saniin lufu isii argu maruu hin naya; badii isii irra gayuttillee hin maalalfata. Akkuma hennaa Soodomii fi Gomooraan qachoota naannaya isaanii jiran woliin diiggaman badiin isaan irra gaye akkasuma woma san fakkaatutu isaan irra gaya; namni deebi'ee achi irra jiraatu sirima hin argamu. Akkuma leenci bosona jaamaa Yoordaanosii keessaa bayee gara lafa lalisaa hoolota itti yaasanii dhaqu, ani dimmaa dhufee bulchoota Edoomii ari'a; armaan maayessa nama ufii filadhe moosisa; ka akka kiyyaa eennu? ka uggee waa na gaafatu eennu? bulchaan na afoo dhaabatee na ittisu eennu? Kanaafuu waan ani banii Edoomii irratti raawwatu'uuf karoorfadhee fi waan banii qachaa Teemaanii irratti godhuu barbaade dhagayaa'a; ijoollee isaanii akka ilmoolee hoolotaatitti harkisa'aa deemaniin, sababaa isaaniitiif worri isaan argu maruu hin nayan. Worri oduu akka Edoom kufte dhagayan hin raafaman iyyansi naasuu isaanii achii ka'ee haga galaana diima'aa dhagayama. Diinni akkuma bajjaa koola ufii badhifatee Baasoraa irratti gad bu'u akkasuma isii irratti bu'a; hennaa san loltoonni Edoomii akka dubartii ciniinsifattee sodaattee dhiphattuu ta'an. Worri qachaa Haamaatii fi Arfaadii keessa jiraatan waan oduu Damaasqoon hin baddi'ii dhagayanii jal jedhan; garaan isaanii akka galaana olii gad raafamuu raafame. Baniin Damaasqo'oo dadhabanii sodaatanii dheessu'uuf uf duuba deebi'an; akka dubartii ciniinsifattuu dhiphatan. Qachattiin gurra dhagayattee fi bareeddu sun attamitti duwwaa hafte? Guyyaa san dargaggeeyyiin qachattii sanii karaa qachattii sanii irratti isaan ajjeesan, loltoonni isi'iillee hin diiggaman. Ani dallawa Damaasqo'oo maraa ibiddaan gubee balleessa; mana mootumma'aa ka mootii Beenhaadaadiillee ibiddaan guba; ka waan kana dubbate ana Waaqa banii maraati.» Rabbi waan mootota Qeedaariitii fi Hatsoorii ka Nabukadanatsoor mootiin Baabiloonii mooyatee «Ka'a'aa banii Qeedaariititti duulaa'a; banii gara baya biiftu'utiin jiranillee balleessaa'a! Daaseewwan isaanii, gobbuu, golga'aa fi meeshaa isaanii maraa fudhadhaa'a; gaallan isaaniillee fudhadhaa'a; ‹naannoon teenna raafamteerti› jedha'aa wocan» jedha. Rabbi worra Atsooriin keessa jiraattaniin akkana jedha, «Nabukadanatsoor mootiin Baabiloonii waan isinitti malatee fi waan karoora hamaa isinitti karoorfateef dheessa'aa fagaadha'aatii holqa dhooqa keessaatitti dhokadhaa'a» Rabbi akkana jedha, «Isin amma ka'aa'a! gara banii balbala uduu hin cufanne jiraatuu fi gara worra nagayaan boona'aa jiraatanii duulaa'a. Gaallan isaaniitii fi horii isaaniillee hin booji'an, worra mataa ufii bita'aa fi mirgaan haadatan maraa olii gad bittinneessa, karaa maraanuu rakkinna isaanitti fidaa» Kanaafuu Atsoor ona jeedallan baraa haga bara baraa keessa jiraatan taati; ammaa achi baniin woyiituu isii keessa hin jiraatu. Akkuma Sedeqiyaas Yihuudaa irratti mooyeen yoosuu Rabbi Waandhi banii maraa waan Eelaamii akkana jedhee natti hime, «Ani hunna woraanaa ka isiin akka haga adhaa jabduu taatee jiraattu taasiftaniin hin cabsa; Bubbee Eelaamiin dhayu hulee maraa kaasee banii isi'ii maraa gara mara bittinneessa; akka kanaan biyyi baniin isi'ii ka baqate keessa jiraatu hin argamu. Diintota baniin Eelaamii ajjeesu'uuf barbaadan akka isaan sodaatan taasisa; ani isaan irratti lola kiyya guddaa balleessaa isaaniitiif sababaa ta'e isaanitti fida; haga dhumanitti akka lolaan baqatan isaan taasisa. Ani mootii isaaniitii fi bulchoota isaaniillee hin balleessa; teessoo kiyya achi taasifadha. Ta'ullee hennaan ani qabeenna Eelaamii deebisu hin dhufa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Dubbiin Rabbi karaa raatticha Ermiyaasiitiin waan Baabilooniitii fi waan banii isi'ii dubbate kana; «Banii ormaa maratti labsi'iin oduu himaa'a! malkata ol fuudha'aa oduu beessisaa'a! akka waan dhossa'aatitti hin qabatinaa'a! kunoo Baabiloon qabamtee waandhi tolfamaan Beel jedhamu akka saalfatu taasifameera; waandhi tolfamaan isi'ii ka ‹Maarduk› jedhamu caccabeera; waandhi tolfamaan Baabiloonii maruu saalfataniiran; fakiin isi'ii ka nama jibbisiisu caccabeera. Baniin Baabilooniin irratti balaa buusee ona isii taasisu gara kaabaatii isii irratti ka'eera; sa'aa namnillee isii gatanii dheessanii waan baqataniif ka isii keessa jiraatu hin argamu.» Rabbi akkana jedha, «Hennaa barrinii fi guyyaan gaye baniin Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa tokko ta'anii ana Waaqa isaanii soqa'aa booya'aa dhufan; Isaan karaa gara Tsiyoonii geessu gaafata'aa karaa qabatanii deeman; baraa haga bara baraa waadaa na woliin galan sirima hin diigan. «Baniin kiyya akka hoolota baddee ta'aniiran; worri isaan bulchan isaan dogoggorsee akka isaa gaara irratti tarara badanii raantayan godhaniiran; akka hoolota gaara irraa gara tullootaa dhama'anii hulee bulan wollaalan. Akkuma hoolonni nyaata bineensaa ta'an, akkasuma ka isaan arge maruu balaa isaanitti buusa; diintonni isaanii ‹nu bee womaa hin yakkinee, wonti badiin kun maruu isaan irra gayeef sababaa Waaqa abboonni isaanii ta durii abdii godhata'aa turanitti waan ka'aniif; silaa isaaniillee akkuma abboota isaanii ta durii amanamtoota ta'anii jiraachuu isaan barbaachisa ture.› «Isin banii Israa'elii! Baabilooniin keessaa dheessa'aa bayaa'a! biyyattii gad dhiisa'aa deemaa'a! akkuma korbeessa re'e'ee ka re'iin afoo deemuu ta'aa'a! Ani banii tokkummaa qabu gara Baabiloonii akka duulan kakkaasa; isii irratti balaa buusanii isii qabatan; eboon isaanii akka eboo loltoota leenji'anii waan itti alaaman san woraananiiti. Baabiloon hin saamamti; worri isii saamullee haga isaan gayutti waan argan maraa guuratan; ka waan kana dubbate ana Rabbi» jedha. Rabbi akkana jedha, «Isin banii Baabiloonii! isin banii kiyya saamtanii gammada'aa burraaqa'aa turtaniirtan; akka raada raasaa keessa burraaxxuu taatanii akka farda sanga'aa himimsitan. Amma garuu qachattiin teessan guddoon hin mulliti; biyyi teessan haadhoon salphattee mootota maraa gad taati; lafa onaa ka bisaan keessa hin jirre taati. Sababaa aarii kiyyaatiif namni Baabilooniin keessa jiraatu hin jiru; diiggamtee hafti; ka isii bira lufu maruu nayee maalalfata. Isin worri eboo darbattan isii woraanu'uuf naannaya isi'ii marsaa'a; ana Rabbiin afo'otti waan cubbuu hojjatteef eboo keessan maraanuu Baabilooniin darbadhaa'a; eboon teessan garaa isin hin nyaatin Qachattii irra naannaya'aa geerrara'aa dhaadadhaa'a! kunoo dalloofni isi'ii diiggamnaan Baabiloon harka kennatte; dalloofni isi'ii jigeera; ani worra Baabiloonii haluu bayaa isinillee haluu bayaa'a; gara jabeenna isaan kaawwan irratti raawwatan isinillee isii irratti raawwadhaa'a. Ka facaasuu fi ka midhaan wolitti qabatu Baabilooniin keessaa balleessaa'a; namni biyya san keessa jiraatu maruu namni maruu loltoota biyya biraa ka balaa isaanitti buusu sodaata'aa gara gosa ufiitii fi biyya ufiititti dheessanii galan.» Rabbi akkana jedha, «Baniin Israa'elii akkuma hoolota leenci ari'ee bittinneessuu ta'aniiran; akkuma jalqaba bineensi waan ari'ee qabe maraa cicciree nyaatu akkasuma mootiin Aasoorii isaan fixe; achiin maayessa akkuma leenci lafee caccabsu akkasuma mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor isaan caccabse. Kanaafuu ani Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii akkuma mootii mootota Aasoorii adabe akkasuma Nabukadanatsoorii fi biyya isaallee hin adaba. Banii Israa'eliillee gara biyya isaanii deebisa; isaan waan gaara Qarmeloosiitii fi waan godina Baasaanii keessatti biqilu maraa nyaatan; midhaan Efreemii fi biyya Gala'aadii keessatti biqilu irraallee haga barbaadan nyaatan. Ani hennaa san ani waan namoota mootota Israa'eliitii fi Yihuuda'aa jalaa hambisee araaramuuf cubbuunii fi yakki isaan irratti hin argamu.» Rabbi akkana jedha, «Isin banii Miraataayimiitii fi Faqoodii irratti balaa buusa'aa ajjeesa'aa isaan fixaa'a; ka waan kana dubbate ana Rabbi. Biyyattii irratti laagaan lolaa dhagayameera; badiin guddaanillee isii irra gayeera. Baabilooniin banii adunya'aa burussa'aan bulleessa'aa turte amma isiinuu bulloofteerti; wonti biyyattii san irra gaye attamitti banii naasise? Baabiloon! ati siiboo ufii qopheessiteen uduu hin qaabanne qabamte, wonti qabamtee ifatti mudhatteef waan Rabbiin uggiteef, Rabbi mana meeshaan woraanaa keessa taa'u banee meeshaa ufii ka woraanaa baase; wonti inni waan kana godheef Rabbi Waandhi banii maraa biyya Kaladaawotaa keessatti waan hojjatu waan qabuuf. Hulee maraayyuu isi'itti duula'aatii gootaraa midhaan itti galchaniiran maraa banaa'a; boojuu isaanii akka midhaaniititti tuulaa'a; biyyattii keessatti uduu womaa hin hafne balleessaa'a! Loltoota isaanii akka korma oofanii hulee itti qalan fidanii qalaniititti fuudha'aa isaan ajjeesaa'a; hennaan isaan itti adabaman waan gayeef banii Baabilooniitii hobbaas! «Worri Baabiloonii ka booji'amee fi worri Baabilooniin keessatti baqatanii gara Yerusaalemii dhufan; isin laagaa Rabbi Waandhi keenna worra Baabiloonii haluu bayu caqasaa'a.» Rabbi akkana jedha, «Worra eboo darbachuu danda'an akka Baabiloonitti duulan waamaa'a; isaan qachattii haa marsanii; eennullee akka miliqee hin baane eegaa'a; gatii hujii hammeenna isi'iillee kenna'aaf; dhara isiin kaawwan irratti raawwattellee isii irratti raawwadhaa'a; isiin woyyuu Israa'elii uggiteerti. Kanaafuu ka'imtoota isi'ii karaa qachatti'ii irratti ajjeesan hennaa san loltoonni isi'ii maruu hin dhuman; ka waan kana dubbate ana Rabbi. «Ati Baabiloonii uf jajju! ani Rabbi Gooftaan banii maraa waan hennaan si adabu gayeeruuf sitti ka'a. Ati ta uf jajju gufattee waan kuftuuf ka qabee lafaa si kaasu hin jiru; ani qachoota tee waan ibiddaan gubuuf wonti naannaya kee jiru maruu hin barbadaaya» jedha. Rabbi Waandhi banii maraa akkana jedha, «Baniin Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa hucuucamaniiran; worri booji'ee isaan fudhate maruu jabeessanii waan isaan qabaniiraniif gad isaan dhiisuu hin barbaanne. Garuu ka isaan oolchu jaba'a; maqaan isaa Waaqa banii maraati; inni ufumaa isaan gargaara; lafa irratti nagaya isaanii kenna; inni banii Baabiloonii irratti eda'ee rakkinna isaanitti fida.» Rabbi akkana jedha, «Baabiloon banii isi'ii bulchoota isi'iitii fi ogeeyyii isi'ii maraa irratti guraadee keessan luqqifadhaa'a! Akka mortuuwwan isaanii gowwooman akka loltoonni isaaniillee sodaatanii hollatan, guraadee keessan isaanitti luqqifadhaa'a! Faradoo isaanii, konkolaataa fardaa isaaniitii fi loltoota dallaya isaanii eegan irratti guraadee keessan luqqifadhaa'a! isaan akka dubartootaa haa ta'anii; worra dureeyyii irratti guraadee keessan luqqifadha'aatii qabeenna isaanii saamaa'a! Baabilooniin keessa waandhi tolfamaan nama jibbisiisuu fi ka nama maraachu waan guuteeruuf lanni isi'ii maruu haa goguu. Kanaafuu bineensi bosonaa, jeedallanii fi guchiiwwan woliin Baabilooniin keessa jiraatan akkasuma yoomillee dhalootaa haga dhalootaa ka namni keessa jiraatu hin taatu. Akkuma hennaa ani Soodomii fi Gomoraa qachoota naannaya isi'ii jiran woliin balleesse ta'e san akkasuma eennullee Baabilooniin keessa quphatee jiraatuu hin danda'u; ka waan kana dubbate ana Rabbi. Kunoo baniin gara kaabaatii dhufa'aara, daangaa lafaatii baniin guddaanii fi mootonni hedduu socho'a'aa, ebo'oo fi woraana ufii qabataniiran; isaan gar jabeeyyii araara hin qabne; hirphi faradoo isaan yaabbatanii akka galaana dambaliin dhayuuti; Baabiloon! isaan balaa sitti buusu'uuf akka namoota duulaaf deemaniititti gara kee dhufa'aaran. Mootiin Baabiloonii yoo oduu kana dhagaye harki isaa laamshayee rarra'ee hafa; akka dubartii ciniinsifattuu hucuucama. «Akkuma leenca bosona jaamaa qarqara laga Yoordaanosii keessaa bayee gara lafa lalisa'aa deemuu akkasuma ani Rabbi dimmaa dhaqee worra Baabiloonii akka qachattii keessaa ari'aman taasisa; achiin maayessa ani nama ufii filadhe moosisa; eeganaa ka akka kiyyaa eennu ree? ka uggee waa na gaafatu eennu? bulchaan na jala dhaabatu eennu? Amma isin waan Rabbi worra Baabiloonii irratti mari'atee fi waan biyya Kalaadaawotaa irratti karoorfate dhagayaa'a; ijoollee isaanii akka ilmoolee hoolotaatitti harkisa'aa isaan fudhatan; sababaa isaaniitiif huleen isaan jiraatan ona ta'a. Oduun akka Baabiloon qabamte hennaa dhagayame biyyi hin raafamti; iyyansi isi'iillee banii maraa keessatti dhagayama» jedha. Rabbi akkana jedha, «Ani bubbee guddaa Baabiloonii fi banii isi'ii balleessu isaanitti kaasa; Ani diintota alaa ka akka midhaanii isii gingilchuu fi ka lafa isi'ii balleessu gara Baabiloonii erga; isaan hennaan isiin itti baddu yoo gaye hulee maraayyuu balaa isi'itti buusan. Haga loltoonni isi'ii eboo ufii midhaaffatanii fi haga isaan uffata lolaa uffatanii hennaa hin kennina'aaf; ka'imman isaaniitiifillee garaa laaftanii isaan hin dhiisinaa'a; loltoota isi'ii maraa balleessaa'a. Loltoonni isaanii karaa qachoota isaanii maraa irratti madaayanii du'an. Yoma lafti isaanii ana woyyuu isaanii afo'ottillee yakka qabaatte ani Gooftaan banii maraa Waandhi isaanii Israa'elii fi Yihuudaa hin irraanfadhu. Baabilooniin keessaa dheessaa'a! lubbuu teessan oolfatu'uufillee miliqa'aa jalaa bayaa'a; isin sababaa Baabiloon cubbuu hojjatteef isin duwwamatti hin dhuminaa'a! hennaan kun hennaa ani adabbii isii barbaachisu isi'ii kennu. Baniin adunya'aa maruu haga isii harkaa dhugee machaayutti isiin harka kiyyatti akka ciicoo worqii irraa hojjatameeti; baniin ormaa maruu daadhii woyini'ii isi'ii dhuganii machaayan Baabiloon waan dimmaa kuftee cabdeef isi'ii booyaa'a; maal laataa yoo ka madaan isi'ii fayyuu danda'uu qoricha madaa isi'ii dibattu barbaadaa'a. Namoonni alaa ka isii keessa jiraatan akkana jedhan, «Nu'u Baabilooniin fayyisu'uuf badanne, isiin garuu fayyuu hin dandeenne; murtiin isi'itti murtaaye haga duumessaa ka ol fagaatee fi achii olillee haga sami'ii waan ol fagaateef marti keennaa isii dhiifnee gara biyya keennaa haa deemnuu.› » Worri Israa'elii akkana woliin jedhan, «Rabbi waan murtii qajeelaa nuu murteesseef koottaa'a! gara Yerusaalemii deemnee waan Rabbi Waandhi keenna godhe maraa himnaa.» Kaayoon Rabbii waan mana woyyuu'uuf haluu bayuu ta'eef Baabilooniin balleessu'uuf mootota Meedoonii kaaseera; kanaafuu eboo keessan qaradhaa'a! wontee keessanillee kaasaa'a! Malkata Baabilooniin irratti balaa buusaa'a jedhu mudhisaa'a! midhaassa'aa eegaa'a! worra gaadan qopheessaa'a! worra dhokatanii lolanillee qopheessaa'a, wonti waan kana gootaniif waan Rabbi banii Baabiloonii irratti karoorfatee fi waan dubbate waan raawwatuuf. Ati Baabiloonii dureettii laga gugurdaa ladda jirtu! barri murti'ii ka ati itti baddu gayeera. Waandhi banii maraa loltoota akka awwaannisaa baay'atan Baabilooniin irratti akka fidu maqaa ufiitiin kakateera; loltoonni sunniinillee mooyatanii geerraran. Rabbi hunna ufiitiin ardii; ogummaa ufiitiin adunyaa uume; beekkumsa ufiitiinillee samiiwwan diriirse; Bisaan samii irra jiru ajaja isaatiin raafama; inni daangaa lafaatii duumessa fida; rooba keessa akka bakakkaan bu'u taasisa; qilleensi hulee wolitti qabameeruu akka bubbisu taasisa. Namoonni maruu gowwa'aa fi ka womaa hin beenne ta'an; fakiin isaan hojjatan ka nama saalfachiisuu fi ka jireenna hin qabne waan ta'aniif; ogeessi sibiila bassu waaqolee tolfamaa ufii hojjatetti saalfateera. Waaqoleen tolfamaan kunniin ka bu'aa hin qabnee fi meeshaa itti baldan; hennaa Rabbi murti'iif dhufu lafa irraa diiggaman. Waandhi Yaaqoobii garuu akka isaaniitii miti; Inni uumaa waa maraati; banii Israa'elii akka worra isaa ta'an filateera; maqaan isaa Rabbii Gooftaa banii maraati. Rabbi akkana jedha, «Baabiloon! ati burrisaa fi meeshaa kiyya ka woraanaa turte; ani banii maraa siin fixe. Farado'oo fi worra faradoo yaabbatanii gulufan, konkolaataa fardaatii fi worra konkolaataa fardaa yaabbatan siin caccabse. Ani si'iin dhiiraa fi dubartii, jaarsaa fi dargaggeessa worra dhiiraatii fi ijoollee intalaa caccabse. Tisse'ee fi gobbuu, qonnaan bula'aa fi sangoolee isaanii ta qonnaa, worra bulchuu fi worra gugurdaa baallii qaban balleessu'uuf meeshaa woraanaa si taasifadheera.» Rabbi akkana jedha, «Isin hujii hamaa worri Baabilooniitii fi baniin isi'ii Yerusaalemiin irratti hojjatan yoo ani haluu isaan bayu hin argitan. Baabiloon! ati ta gaara ardii maraa balleessitu! ani si morma! ani harka kiyya sitti badhisee afaan qile'ee irraa darbee si gangalchee akka gaara gubatee si taasisa. Dhagaan bu'uura ijaarsaatiif ta'u si keessatti hin argamu; ati baraa haga bara baraa ona taata; ka waan kana dubbate ana Rabbi. «Isin malkata akka balaa dhufu mudhisu kennaa'a; akka baniin maruu dhagayuu danda'anitti xurumbaa afuufaa'a! akka Baabilooniin woraanan banii qopheessaa'a; mootonni Araaraatii, Miniiniitii fi Asheeknaazii akka balaa buusan itti himaa'a; nama loltoota bulchu muudaa'a, faradoo akka tuuta awwaannisaa baay'atan fidaa'a. Akka Baabilooniin lolan banii qopheessa'aatii gara mootota Meedoonii, gara bulchoota isaaniitii fi gara ajajoota loltoota isaanii akkasuma gara biyya loltoota isaan tooyatanii maraa dhaamsa ergaa'a. Sababaa Rabbi Baabiloon ona namni keessa hin jirre godhu'uuf yaade maraa hennaan itti raawwatu waan gayeef biyyi maruu nayanii hollatan. Loltoonni Baabiloonii lola dhiisanii kushee ufii keessa taa'an, onneen gootumma'aa isaan keessaa badee akka intalaa ta'an; loosaan karra dallawa qachatti'ii caccabeera; manniin ibiddaan gubataniiran. Qachaan mootii Baabiloonii daanga'aa haga daanga'aa akka qabamte isatti himu'uuf namni fiigicha fiigu tokko nama biraa ka fiigutti, namni dhaamsa geessu tokko nama biraa ka dhaamsa geessutti ergaa himu'uuf fiigan. Loltoonni diinaa karaa laga ceeyaniin qabatanii hulee eeddoonni eeganiin gube; loltoonni Baabiloonii sodaatanii hollatan. Baabiloon akka oobdii midhaan itti dhayanii taati; diintonni isi'ii banii isi'ii akka horii midhaan ayyiiduutitti isaan ayyiida; ani Waandhi Israa'elii Gooftaan banii maraa waan kana dubbadheera.» Mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor Yerusaalemiin saamee isii bulleessee akka meeshaa womaa hin qabnee isii taasise; inni akka jawwe'eetitti banii isi'ii liqimse; waan mimmishaa fudhatee ka hafe garuu akka midhaan nyaatanii lafatti hafee gatanii isaan gate. Kanaafuu baniin qachaa Tsiyoonii, «rakkinni nu irra gaye Baabilooniin irrallee haa gayu!» jedhan; Baniin Yerusaalemiillee «Akkuma dhiinni keenna jige, dhiinni worra Baabilooniillee haa jigu!» jedhan. Kanaafuu Rabbi banii Yerusaalemiitiin akkana jedha, «Ani isin gargaara; worra Baabiloonii garuu haluu isinii baya; burqaan bisaaniitii fi lanni worra Baabiloonii maruu akka gogan taasisa. Biyyi sun tuulaa waan diiggameetii fi ta jeedalti keessa burraaxxu taati; ta laalchaafillee nama jibbisiiftu taati; eennullee isii keessa hin jiraatu; worri isii argu maruu isi'itti baldan. Worri Baabiloonii maruu akka leencaa aadan, akka leenca darmi'iillee hin gururi'an. Hennaa isaanitti tole waan dhugan isaan affeera, haga machaayanitti isaan obaasa; achiin maayessa baraa haga bara baraa rafan; yoomiinillee hirribaa hin dammaqan. Rabbi akkana jedha, «Akka korbeeyyii hoolotaatii fi akka korbeeyyii re'iinii ta gara hulee itti qalamanii oofanii isaan taasisa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Rabbi akkana jedha, «Qachaan Baabiloonii attamitti marfamte! ta adunyaan maruu isi'iin dhaadatu attamitti qabamte! Baabiloon attamitti ta banii naasiftu taate! Diintonni Baabiloonii akka dambalii garbaa bayanii qachattii irra gara galan. Qachoonni ona bisaan keessa hin jirree fi ta eennullee keessa jiraachuu yookaan keessa lufuu hin dandeenne ta'aniiran. Waaqa tolfamaa ‹Beel› jedhamu ka Baabiloonii hin adaba; meeshaa hatamellee harkaa buusisiisa; ammaa achi baniin isaa hin sagadan; dalloofni Baabiloonii jigeera. «Banii kiyya! achi keessaa dheessa'aa bayaa'a! lola kiyya ka nama sodaachisu jalaa bayu'uuf dheessaa'a! Oduu gungummi'ii dhageettanii sodaattanii naatanii hin qabbanaayinaa'a; wogga wogga'aan oduun gungummi'ii hin dhagayama; oduun gungummii didda'aa biyyattii keessatti mootiin tokko mootii biraa akka dhayu hin dhagayama. Kanaafuu hennaan ani waaqa tolfamaa Baabiloonii itti balleessu hin dhufa; biyyattiin maruu hin salphatti; ijoolleen isi'ii maruu isii keessatti du'anii dhuman. Baabiloon hennaa worri isii balleessu ka gara kaabaatii dhufe jalatti kufte; duulli ardi'ii fi samii irra jiran maruu gammada'aa ililfatan. Baabiloon sababaa dhuma adunya'aa taate; isiin sababaa dhuma worra Israa'elii waan taateef Baabiloon kufuu isii barbaachisa; ka waan kana dubbate ana Rabbi» jedha. Rabbi banii Baabilooniin keessa jiraniin akkana jedha, «Isin baniin kiyya ka du'a irraa haftan! uduu hin turre deemaa'a! biyya fago'oo keessa taa'a'aa ana Rabbiin qaabadhaa'a! Yerusaalemiin onnee teessan keessatti yaadaa'a! ‹Nu'u waan arrabamneef hin saalfanne hulee woyyittii mana woyyuu Rabbii keessa namoonni ormaa waan seenaniif salphannee mataa keenna gad qabanneerra› jedhaa'a. Wonti ani Rabbi jedhu kana; hennaan ani waaqolee tolfamaa Baabiloonii irratti murteessuu fi hennaan worri madaayan ka biyyattii keessa jiraatan laagaa rakkinnaa dhageessisan hin dhufa. Yoma Baabiloon gara sami'ii ol baatee kushee ufii jabeeffattellee ka isii diigee balleessu hin erga; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Rabbi akkana jedha, «Baabilooniin keessaa laagaa iyyansaa, biyya Kalaadaawotaa keessaa laagaan badii gudda'aa hin dhagayama. Loltoonni akka dambalii galaanaa fiigu dimmaa Baabilooniin irra gayee dhaadata'aa balaa itti buusa; ani akka kanaan isii balleessee isii cadhisiisa. Worri waa balleessan Baabilooniin irratti waan duulaniif loltoonni isi'ii hin booji'aman; buundheen isaaniillee hin caccabe; ani Waaqa nama maraafuu akka gatii hujii isaatitti kennuuf waan ta'eef haguma Baabiloon badii ufii hojjatteetiin gatii isi'ii kenna. Ani abboota isi'ii ka murti'ii, ogeeyyii isi'ii, bulchoota isi'ii, ajajoota loltootaatii fi loltoota isi'ii akka dhuganii machaayan taasisa; achiin maayessa hin rafan; baraa haga bara baraa hirribaa hin dammaqan; ka waan kana dubbate ana mooti'i; maqaan kiyyallee Waaqa banii maraati. Dalloofni Baabiloonii badhaan kufee lafa ta'a; dalloofni isi'ii ka ol dheeressanii ijaaran ibiddaan gubatan; dadhabbiin banii isi'ii duwwaa ta'a; wonti baniin itti dadhabe maruu ibiddaan gubata; ka waan kana dubbate ana Waaqa banii maraati.» Sarayaan ilmi Neeriyaa ilma ilma Ma'iseeya'aa tajaajilaa mooticha Sedeqiyaasii ture; Sedeqiyaas biyya Yihuuda'aa irratti mooyee woggaa arfeesso'ootitti Sarayaan isa woliin gara Baabiloonii dhaqe; ani Ermiyaas hennaa san seera kenneef. Badii Baabilooniin irra gayu akkasuma dubbii waan isi'iitiif dubbatame kitaaba irratti barreesse. Ani Saraya'aan «Ati akkuma Baabilooniin geetteen waan kitaaba kana keessatti barreeffame maraa laagaa kee ol qabadhuutii bani'ii dubbisi. Achiin maayessa ‹Yaa Gooftaa'a! ati akka hulee kana balleessitu dubbatteerta; kanaafuu wonti lubbuu qabu ka sosocho'u maruu isii keessa hin jiraatan, waan namninii fi busaawaanillee dhumuuf baraa haga bara baraa ona taati› jedhi. Sarayaa'a! kitaaba kana haga bani'ii dubbiftee fixxeen maayessa kitaaba kana dhaga'atti hidhii laga Efraaxisiititti gati. Akkasuma Baabiloonillee sababaa Rabbi badii isi'itti fiduun kuftee hafti; deebitee ka'uu hin dandeettu› jedhi» jedheen. Dubbiin Ermiyaas dubbate as irratti dhumate. Sedeqiyaas hennaa Yihuudaa irratti mooyu umuriin isaa woggaa diddamii tokko ture; Yerusaalemiin woggaa kudha tokko bulche; maqaan haadha isaa Hamuxaali; isiin mucattii Ermiyaasii gosa Libina'aa turte. Akkuma tanaan dura mootiin Iyyo'aaqeem godhe akkasuma mootiin Sedeqiyaasillee godha'aa Rabbiin gaddisiise. Kanaaf Rabbi banii Yerusaalemiitii fi banii Yihuuda'aatiin lolee uf afo'oo isaan balleesse; Sedeqiyaas mootii Baabiloonii Nabukadanatsooriin irratti ka'e. Sedeqiyaas mooyee woggaa sagaleesso'oo ji'a kudhaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor Yerusaalemiin irratti balaa buusu'uuf marse; loltoonni isaa naannaya qachatti'ii irra gara galanii naannaya dallawaatitti biyyee tuulan. Sedeqiyaas mooyee haga woggaa kudha tokkeesso'ootitti isii marsan. Woggama san keessa ji'a arfeesso'oo guyyaa sagaleesso'ootitti baniin beelayanii waan nyaatan dhaban. Dalloofni qachatti'ii hin diiggaman; uduma loltoonni Baabiloonii qachattii marsaniiran loltoonni halkaniin dheessanii gara karaa hulee biqiltuun mootichaa itti dhaabamuu lufanii gara karra dallawa lamaan wol geessuutiin bayanii gara dhooqa Yoordaanosii dheessanii jalaa bayan. loltoonni Baabiloonii garuu Sedeqiyaasiin ari'anii raasaa Iyyaariko'oo biratti qabanii booji'an; loltoonni isaa maruu isa gananii gara gara bittinnaayan. Sedeqiyaasiin gara mootii Nabukadanatsoorii fidan; hennaan san Nabukadanatsoor qachaa Ribilaa jedhamtu ta bulchiinsa Haamaatii jala jirtu keessa jira ture; achitti Nabukadanatsoor Sedeqiyaasitti murteesse. Sedeqiyaas uduma argu ijoollee isaa Ribilaa keessatti ajjeesan; akkasuma worra Yihuudotaallee ka baallii qaban maraa ajjeesisiise. Achiin maayessa ija Sedeqiyaasii keessaa baasanii haada sibiilaatiin isa hidhanii gara Baabiloonii fidaniin; inni haga guyyaa du'uutitti Baabilooniin keessatti hidhamee ture. Nabukadanatsoor Baabilooniin irratti mooyee woggaa kudha sagaleesso'oo ji'a shaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti Nabuzaardaan kabajjamaan ajajaa worra balbala mootumma'aa eeganii Yerusaalemiin seene; Mana woyyuu, mana mootumma'aatii fi mana namoota gugurdaa Yerusaalemiin keessa jiraatanii akkasuma gamoo gugurdaa gube. Loltoonni ajajaa worra balbala eeganii kabajjama'aan masakkaman dallaya Yerusaalemii diigan. Nabuzaardaan kabajjamaan ajajaan worra balbala eeganii worra guddisanii hiyyooman ka banii keessa jiran ka qachattii keessatti hafanii jiran ka gananiiran ka gara loltoota Baabilooniititti dhiyaatanii jiranii fi worra ogeeyyii harkaa keessatti hafaniiran maraa booji'ee gara Baabiloonii fide. Banii hiyyeeyyii Yihuudaa keessa jiran garuu hin dhiise; inni isaan worra biqiltuu woyini'ii shuqunanii fi worra lafa qotu isaan taasise. Worri Baabiloonii utubaa sibiila diimaa irraa hojjatame ka mana woyyumma'aa, meeshaa gangalatu ka meeshaa irra kaayanii fi gongaa sibiila diimaa irraa hojjatame ka bisaan itti kuufamu caccabsanii sibiila diimaa maraa gara Baabiloonii fidan. Kereewwan sibiilaa, meeshaa hulee ciinca'aa ittiin qulqulleessan ka hankaaffaa fakkaatu, keree boollatti daaraa jissaniin, mooqqaawwanii fi meeshaa woyyuu sibiila diimaa irraa hojjatame ka mana woyyuu keessatti ittiin tajaajilan maraa fudhatan. Ajajaan kabajjamaan worra balbala eeganii keree, girgiraa hixaana itti aarsan, kobbee bisaanii, kereewwan sibiilaa, baattuuwwan ibsa'aa, mooqqaawwan meeshaa ciincaa waan dhuganii ittiin dhiyeessanii fi meeshaa worqi'ii fi meetii irraa hojjatame maraa fudhate. Akkasuma utubaa lamaanuu gongaa sibiila diima'aan akka bifa kormaatitti hojjatamee fi waan gangalatu ka meeshaa irra kaayan ka mootichi Solomoon mana woyyuu keessatti haa ittiin tajaajilamani'iif hojjachiise maraa fudhate; sibiilli diimaan ka meeshaan kunniin irraa hojjatame waan guddisee ulfaatuuf madaaluu dadhaban. Utubaan lamaanuu ka boca tokkoon hojjatamee ka meetira saddeeti dheeratuu fi ka furdinni naannaya isaa meetira shan; keessi isaanii bana'a; furdinni sibiilaa mili meetira torbaatamii shan. Ginnoon utubaa maraatuu ka sibiila diimaa irraa hojjatame ka dheerinni isaa meetira lamaa gayuu fi woshaadoo akka gingilcha'aatii fi ka bifa daraaraa Rooma'aatiin bareechisan. Inni gara diidaatiin akka daraaraa Rooma'aa sagaltamii jahaan hojjatamee fi ka naannofni isaa daraaraa Rooma'aa dhibbaan midhaaffame. Naabuzardaan ajajaan loltootaa banii sanniin maraa woliin Sarayaa hangafa gadootaa, Sofoniyaasii gadicha baallii qabu ka isatti aanee hojjatuu fi namoota biraa sadiin balbala mana woyyuu eegan hidhee achi fide. Qachattii keessaallee nama baallii qabu ajajaa loltootaatii fi worra mooticha gorsan namoota torbaa ka haga hennaa sanii qachattii san keessatti argaman, barreessaa waan loltootaa gargaaraa ajajaa loltootaatii fi namoota gugurdaa biraallee jahaatama fudhate. Nabuzaardaan kanniin maraa gara mootii Baabiloonii qachatti Ribilaa jedhamtu bulchiinsa Haamaatii keessa jiraatu bira isaan fide. Mootichillee achitti isaan tumsiisee rakkisee du'aan isaan adabe; akka kanaan baniin Yihuuda'aa biyya isaanii keessaa booji'anii isaan fudhatan. Baay'inni namoota Nabukadanatsoor booji'ee fudhatee kana; inni mooyee woggaa torbeesso'ootitti worra Yihuudotaa kuma sadihii fi diddamii sadihi booji'e. Mooyee woggaa kudha saddeetesso'ootitti Yerusaalemiin keessaa namoota dhibba saddeetii fi soddomii lama; Akkasuma mooyee woggaa diddamii sadeesso'ootitti Nabuzaardaan worra Yihuudotaa dhibba torbaa fi afurtamii shanii booji'ee fudhate; wolitti qabaa namoonni booji'amanii fudhataman namoota kuma afurii fi dhibba jaha. Ikooniyaan mootiin Yihuuda'aa booji'amee woggaa soddomii torbeesso'oo ji'a kudha lammeesso'oo guyyaa diddamii shaneesso'ootitti bara mootiin Baabiloonii Fewel-Marodaak mooyetti mootii Yihuuda'aa Ikooniyaaniin mana hidha'aatii baase. Eewel-Marodaak Ikooniyaaniin akka misha'atti isa dubbisee mootota akka isaa booji'amanii Baabilooniin keessa jiraatan maraa keessaa hulee ulfinnaa ka maraa caalu kenneef. Kanaafuu Ikooniyaan uffata mana hidha'aa keessatti uffatu jijjiiratee haga lubbu'uun jiru akka mana mootichaa keessaa nyaata nyaatu eeyyamaniif. Ikooniyaan bara jireenna isaa maraa waan isa barbaachisuun akka godhatu durgoo guyyaa guyya'aan kenna'aafii turan. Qachaan dur namni keessa guutee ture attamitti hojja hafte! ta banii jiddu'utti guddoo turte attamitti akka dubartii abbaa manaa ajjeefattee taate! ta godinoota keessattillee mootittii turte amma garbittii taateerti. Isiin halkaniin guddiftee bootti; imimmaan isi'ii boqoo isi'ii irra yaa'a; worra isii jaalatan maraa keessaa ka isii jajjabeessu hin jiru; jaalalloon isi'ii maruu isii gananii akka diinaatitti isi'itti ka'aniiran. Baay'inna rakko'ootiin dhiitamtee Yihuuda'aan booji'amtee deemte; banii ufii jidduu teette; hulee itti hara baafattu dhabde; uduu hucuucama keessa jirtu worri isii ari'ana maruu isii argatan Ayyaana isi'ii kabajju'uuf ka dhufu waan hin jirreef; karaan Tsiyoonii maruu duwwaa ta'a; balballan isi'ii maraanuu ka seenuu fi ka bayu hin jiru; gadoonni isi'ii hin gaddaan; hin woyatan; durbi isaanii maruu gaddanii gaddaniiran; isiin mararo'oon dhiphatti. Diintonni isi'ii bulchaa is'ii ta'aniiran; diintota isi'iitii toleera; sababaa baay'inna cubbuu isi'iitiif; Rabbi gadda guddaa isi'itti fideera. Ijoolleen isi'ii diinaan booji'amanii gara mana hidha'aa deemaniiran. Intala Tsiyoonii gaachenninii fi ulfinni isii'ii maruu irraa mulqameera; abboonni si'ii ka murti'ii akka borofa hulee oolu dhabeeti; worra isii ari'an afo'oo dadhabanii dheessan. Guyyoota itti rakkattee fi itti hucuucamte; Yerusaalem qabeenna dur qabdu maraa hin yaadatti; hennaa baniin isi'ii harka diinaatitti kufan ka isii gargaare eennullee hin turre; diintonni isi'ii isii laalan diiggama isi'iitittillee hin kolfan. Yerusaalem cubbuu guddaa hojjatteerti; kanaafuu ta battoofte taateeti; ka isii kabajje maruu isii tuffate; akka isiin qullaa jirtu waan arganiif; isiinuu hin gugungumti; uf duuba gara galteerti. Battummaan isi'ii shinshinii isi'ii irratti mudhate; waan uf afoo isii irra gayu hin yaadanne; akki isiin itti kufte ka nama naasisu ta'e; ka isii jajjabeessullee hin turre; «Yaa Rabbi! rakkinna kiyya laali diinni waan mooyateeruuf!» Qabeenna isi'iititti diinni harka diriirse; Worri ati akka gara gumi'ii hin seenne dhooggite; baniin waaqa tolfamaa waaqeffatan hennaa gara mana Woyyuu isi'ii seenan argite. Baniin isi'ii maruu rakkatee buddeena soqaa iyya; lubbu'uun jiraachu'uuf qabeenna isaanii kabajjamaa nyaataan jijjiiran; «Yaa Rabbi! ani waan salphadheef na yaadadhu; na argi. «Isin worri karaa luftan maruu; kun isiniif womaa mitii mii? mee laalaa'a; argaa'a; waan Rabbi guyyaa lola ufii gudda'aa natti fide; waan na irra geesse; waan na irraan gaye; rakkoon akka rakkoo kiyyaa hin jiraa? Ibidda gubba'aa erge; lafee kiyya keessa gada seensise; luka kiyyatti siiboo diriirse; uf duuba na deebise; guyyaa guutuu na dadhabsiisee duwwaa godhee na kaaye. Cubbuun kiyya lum'a kiyyatti fe'aa ta'eera; harka isaatiin wolitti dhayaman; mormatti na fe'amee hunna kiyya dadhabsiiseera; waan ani uf irraa dhoogguu hin dandeennetti inni dabarsee na kenne. «loltoota na keessa jiran maraa Rabbi hin morme; ka'imman tiyya butuchu'uuf loltoota natti waame; Rabbi intala Yihuuda'aa cuunfaa woyini'ii keessatti dhiite. Wonti booyuuf sababaa waan kanniiniitiif; ijji kiyya imimmaaniin guuttameera; ka na jajjabeessu'uuf natti dhiyaate, eennullee ka hara na baafachiisu'uuf yaale hin jiru; diinni waan jabaateeruuf ijoolleen tiyya dhiphatte.» Tsiyoon harka ufii badhifte; ka isii jajjabeessu hin jiru; ollaan isaa maruu akka diina itti ta'an; Rabbi Yaaqoobitti ajaja baase; Yerusaalemillee isaan jiddu'utti akka waan batti'iititti laallamte. «Rabbi qajeela'a; ani garuu ajaja isaatitti diddaa uumee ture; isin baniin maruu dhagayaa'a; leelaluu kiyyallee laalaa'a; dargaggeeyyiin tiyya dhiirrinii fi dubartiinillee; booji'amanii deemaniiran. «Ani goshoota tiyya hin waame, isaan garuu na ganan; gadoonni tiyyaa fi jaarsonni tiyya uduu lubbuu ufii oolfachu'uuf nyaata soqan; qachattii keessatti dhuman. «Yaa Rabbi! attamitti dhiphadhe! ani uf keessatti rakkadheera; ani guddisee waan didaa ta'eef garaa kiyyaan raafameera; diidatti guraade'etu fixa; mana keessallee du'atu jira. Namoonnii booya kiyya ka rakko'oo dhagayan; garuu ka na jajjabeessu hin jiru; diintonni tiyya maruu rakkoo kiyya dhagayan; waan ati gootetti hin gammadan; yabo'oo guyyattii ati itti dubbatte haa dhuftuu; isaanillee akka kiyya haa ta'anii. Hammeenni isaanii maruu si afoo haa dhufuu; akkuma sababaa diintota tiyyaatiif na irratti goote; isaan irratti taasisi; booyichi kiyya ka rakko'oo baay'ateera; garaan kiyyallee dadhabeera. Rabbi attamitti lola ufiitiin Tsiyooniin salphise! ta gara sami'ii ol baatee turte; ta Israa'el dhaadattuun gara lafaa gad darbe; guyyaa lola isaa akka hulee luka isaa irra kaayatu akka taate yaadatuu hin barbaanne. Gooftaan hulee jireenna ka Israa'elii maraa araara malee balleesse; dheekkamsa ufiitiin kushee banii Yihuuda'aa diige; mootummaa isi'iitii fi worra isi'ii ka baallii qaban salphisee gad deebise. Dheekkamsa ufii jaba'aan hunna Israa'elii maraa dadhabsiise; uduu diinni argu gargaarsa isi'ii kennamu dhaabsisee; fiixaa Yaaqoobii irratti akka ibidda mallisuu lola ufii qabsiise; lolli isaa ollaa isaa maraa hin balleesse. Akka diinaatitti buundhee ufii mirmirfate; waan harka ufii ka mirgaatii qabate nutti mirmirfate; qachaa Yerusaalemiititti waan nu ittiin dhaadannu maraa ajjeese; lola ufii akka ibiddaatitti qabsiise. Rabbi akka diinaatitti Israa'eliin balleesse; manniin mootummaa isi'ii maraa hin balleesse; kusheewwan isi'ii hin diige; banii Yihuuda'aatitti booyaa fi gadda baay'ise. Mana ufii woyyuu akka gaaddisa hulee biqiltu'uu jiruutitti balleesse; Rabbi Tsiyoonitti ayyaannanii fi sambatoota hambise; lola ufii jaba'aan mootichaa fi gadicha salphise. Rabbi hulee ciincaa ufii hin tuffate; hulee woyyuu ufiillee hin dhiise; dallawa mana mootummaa isi'ii dabarsee diinaa kenne; akkuma guyyaa ayyaana wogga'aa godhan mana Rabbii keessatti laagaa gudda'atu dhagayame. Rabbi dallawa qachaa Yerusaalemii diigu'uuf murteeffatee haada diriirse; balleessuu irraa hin deebine; gamoon irra taa'anii eeganii fi dalloofni hin fofottoqan; tokkumma'aan badan. Balballan isi'ii hin awwaalaman; loosaawwan isi'ii ka sibiilaa caccabanii bututan; mootiin isi'iitii fi abboonni isi'ii ka murti'ii orma jiddu'utti baqa irra jiran; ammaa achi barumsi seeraa hin jiraatu; ammaa achi raattonni isi'ii Rabbiin biraa mudhata hin argatan. Jaarsonni intala Tsiyoonii cadhisanii lafa irra taa'aniiran; mataa ufiititti daaraa firfirsan; uffata gaddaallee hin uffatan; ijoolleen intalaa ta Yerusaalemii gaddanii mataa gad qabatan. Waan baniin kiyya dhumeef; waan daa'imman karaa qachatti'ii irratti gaggabaniif; garaan kiyya gaddaan raafame; ijji tiyya booyaan dadhabde; garaan na raafame; abdii kutadhe. Akka namoota madaayaniititti karaa qachatti'ii keessatti yoo dadhaban; uduu lubbuun isaanii harka haadha isaaniititti bayu'uuf taatu; «Nyaataa fi bisaan!» jedha'aa booya'aa lubbuun isaanii baati. Maal isiniin jedha? maali'iin wolitti isin qixxeessa? Banii Yerusaalemii ta qachaa jaalatamte keessa jiraattan! maali'iin wolitti isin bikkee isin jajjabeessa? keessattuu banii qachaa Yerusaalemii! bikki badii isin irra gayuu akka galaanaa waan badhaa ta'eef eentu isin fayyisuu danda'a? Raattonni teessan mudhata sobaatii fi ka kijibaa isinii arganiiran; raaga sobaatii fi ka nama dogoggorsu dubbatan malee; gayee keessan jijjiiru'uuf yakka keessan ifa hin baafne. «Qachaan bareeddinna guutuu qabdu; ta biyyi maruu itti gammadu tanaa?» jedha'aa worri karaa lufan maruu Yerusaalemitti harka dhaya'aa mataa raasa'aa baldan. Diintonni tee maruu woliin afaan ufii hunnaan banan; ilkaan ciniinnata'aa balda'aa akkana jedhan «Isii liqimsineerra; yeroon hawwine kana; jiraannee arguu dandeenne.» Rabbi waan yaade raawwate; jecha ufii ka hennaa dheera'aan dura dubbate raawwate; gara laafinna malee si diige; diinni akka rakkoo keetitti gammadu; gaafa diina keetii hin jabeesse. Isin banii dallawa Yerusaalemii keessa jiraattan! Rabbitti iyyaa'a! imimmaan kee halkanii guyyaa akka lola'aatitti haa yaa'uu; hara baafannaa ufii hin kennin; ija keessan irraa imimmaan hin qoorin. Isin halkan guutuu ka'aa iyyaa'a; waan garaa keessanitti yaaddan maraa Rabbitti dhiyeessaa'a; lubbuu ijoollee teetii ka beelaan karaa irratti gaggabanii oolchu'uuf faate'een harka keessan gara Rabbii ol kaasaa'a. Yaa Rabbi! laali; argi! eennuun irratti akkana gootee beetta? dhugama haawwonni daa'imman ufii; ijoollee ufii ta kunuunsanii guddifatan haa nyaatanii? gadichinii fi raattichi mana Woyyuu Rabbii keessatti haa ajjeefamanii? Karaa maraa keessatti jaarsonninii fi dargaggeeyyiin daaraa keessatti kufan; ka'imman fi dubartoonni guraade'een ajjeefaman; guyyaa lola keetii isaan ajjeefte; uduu garaa hin laafne isaan goorraate. Akkuma guyyaa ayyaanaa affeerra'aaf waamtutti; kallattii maraanuu raafama natti waamte; guyyaa lola Rabbii eennullee jalaa hin baane yookaan hin hafne; waan kunuunsee fi waan guddise diinni kiyya na jalaa balleesse. Ka ulee lola isaatiin; rakkoo arge ana. Uf afo'oo na baase; ifaan uduu hin taane akka karaa dukkanaatiin deemu na godhe. Dhugama guyyaa maraa deddeebi'ee harka ufiitiin na adabe. Inni foonii fi gogaa kiyya hin jaarse; lafeewwan kiyyallee hin caccabse. Mararo'oo fi dadhabbi'iin dallawa natti ijaare; naannaya kiyyallee hin marse. Akka worra du'anii turaniititti akka dukkana keessa jiraadhu na godhe. Dallawa keessatti natti cufe; kanaaf jalaa bayuu hin dandeenne; hidhaa haada sibiilaallee natti jabeesse. Gargaarsa barbaadee yoo waamuu fi yoo iyyadhullee; kadhaa kiyya dhagayuu hin barbaanne. Karaa kiyya dhagaa bocameen cufe; daandii kiyya hin dabse. Akka doobbaa riphee ciisuutitti; akka leenca dhokateetitti; harkisee karaa irraa na baase; na mummure; gargaarsa malee na hambise. Buundhee ufii natti qabe; eboowwan ufii natti deebifate. Buundhee qolaa baafatee uffaa na woraane. Ani ka baniin kiyya itti baldu ta'e; isaan guyyaa guutuu coora'aa natti faarsan. Hidda hadhaayaa na nyaachise; hadhooftuu na quubse. Dhaga'aan ilkaan na cabse; daaraa keessatti na dhiite. Lubbuun tiyya nagaya dhabde; gammachuun maal akka ta'e irraanfadhe. Kanaafuu «Ulfinni kiyya; wonti ani Rabbitti abdadhe maruu deemeera» jedhe. Ani rakkachu'uu fi dhiphachuu kiyya; mararo'oo fi hadhaayaa yaadadha; hennaa maraa yoo waan kana dhudhumu; lubbuun tiyya na keessatti dhiphatti. Ta'ullee hennaa waan kana yaadadhu; abdi'iin guuttama. Nu'u wonti hin banneef sababaa araara Rabbiitiif; gara laafummaan isaa waan hin dhumneef. Ganama ganama haarawa; amanamummaan keellee gudda'a. Ani akkana ufiin jedhe, Rabbi gayee kiyya; kanaafuu isa abdadha. Worra isa abdataniif; nama isa barbaaduuf Rabbi misha'a. Namni uduu cadhisee fayyisuu Rabbii abdatee misha'a. Namni dargaggumma'atti uduu qambaraa baadhatee misha'a. Rabbi waan itti baachiseef cadhisee hojjuma ufii haa taa'uu. Abdi'iin jiraachuu waan danda'uuf gad uf haa qabuu. Nama isa dhabanaasutti boqoo ufii haa kennuu; arraballee haa obsuu. Baraa haga bara baraa Rabbi waan nama hin ganneef; yoma leelalchellee garaa laafa; jaalalli isaa guddaan waan hin jijjiiramneef; ta'e jedhee rakkoo yookaan leelaluu ilmaan namaatitti waan hin finneef. Hidhamtoonni lafaa maruu hennaa lukaan dhiitaman; Rabbii guddaa afo'otti nama yoo mirga dhooggatan; nama yoo handhi jalaa dhidhatu Gooftaan waan akkanaa kana hin arguu? Rabbi yoo ajaje malee ka dubbatee raawwatuu danda'u eennu? Waan hamaa ta'ee'e mishaa'a waan afaan Rabbiitii bayuu mitii? Namni jiraataan yoo cubbuu ufiitiif adabamu; maaf guguunguma? Karaa keenna qorree haa laalluu; gara Rabbii haa deebinuu; Garaa keenna harka woliin gara Waaqa keenna ka samii jiruu haa kaafnuu; akkana haa jennuu; «Dinneerra; cubbuu hojjanneerra; ati nuu hin dhiifne; «Ati lolaan uf golgite; nu ariite; gara laafinna malee nu ajjeefte. Akka kadhaan keenna si bira hin geenne; duumessaan uf golgite; hulee bulti'ii keellee duumessaan dhossite. Ati worra Yihuudii hin taane jiddu'utti xuri'ii fi huura nu taasifte. Diintonni teenna maruu afaan nutti banatan. Nu'u badi'ii fi diiggamu'uun; rakko'oo fi raafamaan rakkanne. Baniin kiyya waan dhumeef lolaan imimmaanii ija kiyyaa jige. Hara baafannaa malee; uduu wol irraa hin cinne; ija tiyya keessaa imimmaan yaa'a; haga Rabbi ol samii gubba'aa argutti. Waan dubartoota qachaa tiyya keessa jiran maraa irra gaye arguun kiyya; gadda hadhaaya'atu na irra gaye. Worri sababaa malee diina natti ta'an; akka simbiraatitti na adamsan; lubbuu tiyya boolla keessatti balleessuu yaalan; dhagaa na gubbaa kaayan. Bisaan guutee mataa kiyya irra gara gale; ani bade jedhee yaade. Uduu boolla gad fagoo keessa jiru; yaa Rabbi! ani maqaa kee waame. Kadhaa kiyya hin dhageette; «Gargaarsa barbaadee yoo iyyu na jalaa dhagayuu hin didin.» Ani hennaa si waame natti dhiyaatte; akkasuma «Hin sodaatin!» naan jette. Gooftaa kiyya! ati naa falmite; lubbuu tiyyallee hin furte. Yaa Rabbi! miidhaa na irra gaye argitee murtii naa murteessi! Haluu bayuu isaanii maraa; mala isaan na irratti yaadan argiteerta. Yaa Rabbi! arraba isaanii maraa; mala isaan na irratti yaadan maraa dhageetteerta; Kunniin waan diintonni tiyya guyyaa maraa natti malanii fi waan isaan natti gunguma'aa oolan. Mee isaan laali! taa'anii yookaan dhaabatanii sirbaan natti baldan. Yaa Rabbi! waan harki isaanii hojjateef gatii isaan barbaachisu deebisii isaanii kenni. Golga garaa isaaniititti golgi; abaarsi kee isaan irra haa ta'u! Samiiwwan Rabbiitii gaditti lola keetiin isaan ari'i; isaan balleessi! Worqiin attamitti bifa dhabe! worqiin qulqulluun attamitti jijjiirame! dhagaan kabajjamaan daangaa karaa maraatittuu bittinnaayeera; Ijoolleen dhiiraa ta Tsiyoonii kabajjamoonni ta akka worqii qulqullu'uutitti laallama'aa turan; attamitti akka meeshaa faaraa ka namni ogeessi hojjatuu ta'an! Jeedallanuu ilmoolee ufii hoosifachu'uuf mucha ufii kennan; baniin kiyya garuu akka guchiiwwan lafa gammoojji'ii gar jabeeyyii ta'an. Sababaa dheebotaniif arrabni isaanii laaga'aan wolitti maxxane; ijoolleen isaanii waan nyaatan kadhatan; garuu eennullee isaanii hin kennine. Worri nyaata filatamaa nyaata'aa turan; rakkatanii karaa irratti kufaniiran; worri uffata diimaa dhiilgee uffatanii guddatan; amma tuulaa daara'aa irra ciisaniiran. Adabbiin banii kiyya irra gaye; adabbii Soodomii ka harki eennuullee isii hin gargaarre ta dimmaa diiggamtee caalaa gudda'a. Abboonni isi'ii ka murti'ii worra baradaa caalaa ifan; worra aannan caalaa addaatan turan; nafti isaanii ka waan diimaa gatii gudda'aa caalaa diimate; bifti isaaniillee akka dhagaa samperii ture. Amma garuu cilee caalaa gurraachateera; ka karaa irratti isaan beeku hin jiru; gogaan isaanii lafe'een wolitti maxxaneera; akka mukaatitti goganiiran. Worra beelaan dhuman caalaa worra guraade'een ajjeefaman woyya; sababaa waan nyaatan raasaa keessaa hin arganneef beelaan goganii dhuman. Baniin kiyya hennaa dhumetti; akka nyaata isaanii ta'aniif haawwonni garaa laafan harkuma ufiitiin ijoollee ufii affeelan. Rabbi balbala balaan bayuun bane; lola ufii jabaa dhangalaase; akka hundee isi'ii nyaatuuf Tsiyoonitti ibidda qabsiise. Mootonni biyya lafaa yookaan baniin Adunya'aa diina ta'ee'e, loltoonni eennullee balballan Yerusaalemii cabsanii seenan jedhanii hin amanne. Kun garuu sababaa cubbuu raattotaa; sababaa yakka gadoota isi'iitiif ta'e; waan isii keessatti dhiiga balchootaa jissaniiraniif. Akka namoota jaamaniititti karaa keessatti dammaqan; haga namni tokkollee uggee uffata isaanii tuquu hin dandeennetti; guddisee dhiigaan battaayeera. Namoonni, «Deemaa'a! isin worri battooftan» jedhanii isaanitti wocan; «Deemaa'a! deemaa'a! nu hin tuqinaa'a!» isaaniin jedhan; hennaa dheessanii jal jal jedhan; namoonni worra Yihuudii hin taane keessa jiraatan «Ammaa achi as taa'uu isaan hin barbaachisu!» jedhan. Rabbuu isaan bittinneesseera; ammaa achi isaan hin eegu; gadoonni hin kabajjamne; jaarsonnillee kabajjaa hin arganne. Maraa caalaa uduu gargaarsa gatii hin qabne eeggannu; ijji teenna dadhabde; gamoo ijaarsaa keenna gubbaa teennee banii nama oolchuu hin dandeenne irraa gargaarsa eegganne. Namoonni nu faanaa deeman; kanaafuu nu karaa keenna deemuu hin dandeenne; dhumti keenna dhiyaateera; guyyaan keenna laakkobsatti galeera. Bajjaawwan sami'ii caalaa diinni keenna guddisanii ariifatan; gaarran irra nu ari'an; lafa gammoojji'ii keessattillee nutti luuxan. Hafuurri lubbuu keennaa ka Rabbi dibe; siiboo isaaniitiin qabame; gaaddisa jala worra Yihuudii hin taane keessa jiraanna jennee yaannee turre. Isin banii Edoomiyaasii worri biyya Uuzii keessa jiraattan gammadaa'a! burraaqaa'a! garuu isinillee mijuun kun hin gaya; hin machooftan; qullaa taatanii ifa baatan. Isin banii Yerusaalemii! adabbiin keessan hin dhaabata; inni bara baqa keessanii hin dheeressu; garuu banii Edoomiyaasii! cubbuu keessan hin adaba; hammeenna keessanillee ifa baasa. Yaa Rabbi! waan nu irra gaye yaadadhu; salphinna keenna laali; argi! Lafti teenna worra gala'aaf; manniin keenna worra nyaaphaatiif dabarfamanii kennaman. Worra maatii hin qabnee fi worra abbaa hin qabne taane; haawwonni teenna ta akka abbaa worraa hin qabnee ta'aniiran. Bisaan dhunnuuf gatii kaffalla; qoraan bobeeffannullee hin bitanna. Worri nu ari'an koomee keenna jala jiran; rakkanneerra; hara baafannaa dhabneerra; Buddeena quufu'uuf Misirii fi Asooritti harka kennanne. Abboonni teenna cubbuu hojjatanii lufan; nu'u adabbii isaanii baadhanne. Garboonni nu bulchan; ka isaan harkaa bilisa nu baasu eennullee hin jiru. Sababaa guraadee lafa gammoojji'ii jiruutiif lubbuu teennaan wodhaansa baanee; buddeena arganne. Gogaan keenna akka sunsumaatitti gurraachate; beelaanillee gubateera. Intallan Tsiyooniin keessatti; durbii teenna qachoota Yihuuda'aa keessatti salphatan. Abboonni murti'ii isaan harkatti fannifaman; jaarsonnillee hin kabajjamne. Dargaggeeyyii hunnaan daakuu daassifatan; ijoolleen dhiiraa qoraan baatanii gatantaran. Jaarsonni balbala qachatti'iitii deemaniiran; dargaggeeyyiin faaruu ufii dhiisaniiran. Gammachuun garaa keessaa nu bade; sirbi keenna booyatti jijjiirame. Ulfinni nu irraa bu'eera; nu hobbaas; waan cubbuu hojjanneerruuf! Sababaa kanaaf garaan keenna dadhabe; sababaa kanniiniitiif ijji teenna laaluu dadhabde. Gaarran Tsiyoonii ta qullaa hafte; ta jeedallan irratti taphattu taate. Waandhana; yaa Rabbi! ati baraa haga bara baraa bulchita; teessoon kee dhalootaa gara dhalootaa lufee jiraata. Maaf sirima nu irraanfatta? maaf hennaa dheera'aaf nu dhiifta? Yaa Rabbi! gara kee nu deebis! nullee hin deebinaa; bara keenna akka bara durii nuu haarawoomsi; Yoo sirima ka nu hin gannee; yoo hagaa olitti ka nuun hin lollee. Ani uduu laga Keebaarii bira worra Yihuudotaa ka booji'aman jidduu jiru woggaa soddomeesso'oo ji'a arfeesso'oo guyyaa shaneesso'ootitti samiin banamee mudhata Rabbii arge. Wonti kun mootichi Ikooniyaan booji'amee woggaa shaneesso'oo guyyaa shaneesso'ootitti ta'e. Biyya Kalaadaawotaa laga Keebaarii biratti dubbiin Rabbii gara kiyya ana gadicha gara Hisqeelii ilma Buuzii dhufe; hunni Rabbii na irra jira. Yoo ol jedhee laalu bubbeen jabaan hennaa gara kaabaatii dhufu arge; duumessa guddaa keessaan falaqqisa bakakka'aatitu mudhata; naannaya sanitti samiin hin diimate; hulee bakakkaan itti bu'utti waan akka sibiila Diima'aa tokkotu ife. Bubbee jabaa san keessa uumama lubbuu qabu ka akka namaa afur age. Uumamni arfan kunniin maruu fuula afur afurii fi koola afur afur qaban. Lutti isaanii qajeelaa yoo ta'u faanti isaanii akka luka kormaa baqaqa qaba; bifti isaanii akka sibiila Diima'aa ka qulqulleessaniititti ifa. Fuula isaanii arfanii fi koola isaanii arfaniin ala koola isaanii jala harka akka harka namaa fakkaatu qaban. Koolli lamaan uumama maraatuu bita'aa fi mirgaan diriiranii qacceen isaanii wol tuqa; kanaafuu uduu nafti isaanii olii gad hin sochoone tokkumma'aan socho'an. Uumamni maruu fuula gara garaa afur qaban; afo'oon fuula namaa fakkaata; gara mirgaatiin bifa leencaa fakkaata; gara bita'aatiin fuula sanga'aa fakkaata; gara duubaatiin fuula allaattii bajja jedhamuu fakkaatu qaban. Koolli lamaan busaayaa maraatuu ol dheeratee qaccee koola uumama biraa tuqa; koola ufii ka hafe lamaaniin garuu cabsatanii ufiin dhossan; Uumamni maruu gara maraa waan arguu danda'aniif isaan maruu uduu olii gad hin jenne tokko ta'anii gara hafuurri deemu duukaa bararan. Uumama jiraatan sanniin keessa bifa akka ibidda cile'ee ka bobawu fakkaatutu ture; inni uumama san keessa shawaa ibiddaa ka olii gad sochoosan fakkaata; ibiddi guddisee ifa; bakakkaan achi keessaa baya. Uumamni sunniin akka falaqqisa qaanqee bakakka'aa olii gad fixiraman. Uduu ani uumama arfan sanniin laalu waan arfan akka korbo'oo ka gubba'aa gad bu'anii uumama jiraataa arfan sanniin bira ka wol ladda taa'an arge. Miilli arfan akka korbo'oo sunniin wol fakkaatan; isaan maruu akka mi'a kabajjamaa gatii gudda'aatitti falaqqisan; miilli akka korbo'oo arfan kunniin waan wol keessa lufan fakkaata. Isaan maruu gara arfaniinuu uduu hin naannofne qajeelaniituma deeman. Qacceen miila akka korbo'oo guddisee gudda'aa fi ka nama sodaachisu; gamaa gamanni qaccee miila akka korbo'oo maruu ija baay'ee qaban ture. Hennaa uumamni sunniin socho'an miilli akka korbo'oo sunniinillee wolumaan socho'an; hennaa uumamni sunniin lafaa ol ka'an miilli akka miila korbo'oo sunniinillee wolumaan ol ka'an. Hennaa uumamni sunniin gara hafuurri isaan masakke maraa bararan miilli akka miila korbo'oo sunniinillee wolumaan bararan; wonti kun ta'eef waan ayyaanni uumama sanniinii miila akka miila korbo'oo arfan keessallee jiruuf. Hafuurri uumama sanniinii waan miila akka miila korbo'oo sanniin keessallee jiruuf hennaa uumamni sunniin socho'an wolumaan socho'an; yoo isaan dhaabatan wolumaan dhaabatan; hennaa lafa irraa ol fudhataman isaanillee wolumaan ol fudhataman. Mataa uumama jiraataa sanniinii oliititti hulee mishaa dhagaa gatii gudda'aa ka calalaquun hojjatame fakkaatutu jira. Hulee mishaa san jala busaayaan maruu koola lamaan ufii gara uumama isa bira jiruu badhisee koola lamaan hafeen nafa ufii golgee dhaabateera. Hulee ijaarame san gubbaa teessoon ulfinnaa ka dhagaa bulee waan gatii gudda'aatiin hojjatame fakkaatutu badhifameera; teessoo san irra waan nama fakkaatutu taa'eera. Mudhi'ii olitti sibiila ibidda keessa seenee diimate fakkaatuu fi mudhi'ii gaditti waan ibidda fakkaatu arge; ifa falaqqisutu naannaya isaa marseera. Ifni falaqqisu funyaan karaabaa ka hennaa roobaa duumessa keessaan mudhatu fakkaata; kun bifa mudhachuu ulfinna Rabbii fakkaata; ani hennaa waan kana arge kallachaan lafatti gad kufe; achiin maayessa laagaa dubbi'ii dhagaye. Achiin maayessa inni akkana naan jedhe, «Ilma namaa ka'ii miilaan dhaabadhu; ani sitti dubbadhaa» Akkuma natti dubbateen yoma san Hafuurri Rabbii na keessa seenee miilaan akka dhaabadhu na taasise; waan inni natti dubbatullee hin dhagaye. Inni akkana naan jedhe, «Ilma namaa! gara banii Israa'elii ka na didee si ergaa; isaanii fi abboonni isaanii ta duriillee akkuma na didanitti jiran. Dhaloonni kun morkata'aa fi ka garaa jabaatu; kanaafuu Rabbiin maraa olii banii maraa akkana isiniin jedha jettee akka isaanitti himtuuf gara isaanii si erga. Worri didaan sunniin si dhagayanii si dhagayuu baataniillee akka raattichi isaan jidduu jiru hin beekan. «Garuu ati ilma namaa! isaanii fi waan isaan dubbatanillee hin sodaatin; yoma akka qore'eetii fi akka qummuuddu'uu sitti ta'anii akka waan buutii heddu keessa jiraata'aartuutittilee yoo sitti dhagayame dubbi'ii fi fuula lolaa ka worra didaa sanniinii sirima hin sodaatin. Isaan banii dhibaa waan ta'aniif si dhagayanii'i si dhagayuu baatanillee waan ani siin jedhu isaanitti himta. «Ati ilma namaa! waan ani siin jedhu dhagayi; atillee akka isaanii dhibaa hin ta'in; afaan banadhuu waan ani sii kennu nyaadhu» Kanaan maayessa ani harka kitaaba marame natti hiixatu arge. Harki sun kitaaba marame san hiikee na afo'otti badhise; kitaabni marame sun gara lamaaniinuu akka barreeffama qabu arge; isa irratti dubbii booyaa, bade'ee fi mararo'otu barreeffameera. Rabbi akkana naan jedhe, «Ilma namaa! waan si afoo jiru nyaadhu; kitaaba marame kana nyaadhu; gara banii Israa'elii dhaqii dubbadhu!» Kanaafuu ani afaan banadhe; innillee kitaaba marame san akka nyaadhuuf natti kenne. «Ilma namaa! kitaaba maramaa sitti kenne kana nyaadhu! garaa kee isaan guuttadhu» naan jedhe; anillee hin nyaadhe afaan kiyya keessatti akka dammaa natti mi'aaye. Kanaan maayessa Rabbi akkana naan jedhe, «Ilma namaa! gara banii Israa'elii dhaqii dubbii kiyya ka ani sitti himu isaanitti himi; ani gara worra Israa'elii si erga malee gara banii ormaa ka ati afaan isaanii hin beenneetii miti; uduu gara banii gugurdaa afaan isaanii namaa hin gallee, ka dubbiin isaaniillee hin beekkamneetii fi worra ati hiikkaa dubbii isaanii hin beennee si ergee jiraadhee silaa isaan si dhagayan. Garuu baniin Israa'elii maruu worra morkatuu fi ka garaa jabaatu waan ta'aniif isaan na dhagayuu didaniiranii kanaafuu sillee hin dhagayan. Ani sillee akkuma isaanii morkata'aa fi ka womaa hin sodaanne si taasisa. Isaan yoma worra dhibaallee ta'an ani waan dhagaa qarsa'aa caalaa si jabeesseeruuf fuula isaanii laaltee hin nayin; hin sodaatin.» Ammallee akkana naan jedhe, «Ilma namaa! waan ani dubbadhu maraa seeraan na jalaa caqasii gara'atti qabadhu. Gara banii biyya keetii ka boojuu jala jiranii dhaqii si dhagayanii'i, si dhagayuu baatanillee waan ani Rabbiin maraa olii isaaniin jedhu maraa isaanitti himi.» Kanaan maayessa Hafuurri Rabbii ol na fuudhee uf duubaan laagaa guddaa «Rabbii samii irra jiraatuu galanninii fi ulfinni haa ta'u!» jedhu dhagaye. Koolli uumama jiraattota sanniinii qilleensa irratti hennaa wol dhayu dhagaye; laagaan iyyaa ka miila akka miila korbo'oo ka ani dhagayu guddisee jaba'a. Hennaa Hafuurri ol na fuudhe ani guddisee aaree biibbaye; hunni Rabbiillee natti ulfaatee ture. Kanaafuu ani gara Teel'aabiibii laga Keebaarii bira jiruu dhufe; huleen kun hulee worri booji'ame keessa jiraatu; wonti argee fi wonti dhagaye waan guddisee na naasiseef hadoodee guyyaa torbaa isaan keessa taa'e. Haga guyyaan torbaa sun lufeen maayessa Rabbi akkana naan jedhe, «Ilma namaa! Ani tissee banii Israa'elii si taasiseera; kanaafuu dubbii ani jedhu dhagayi; jecha ani isaan ittiin seeru ka ani sitti himu isaanitti himi. Ani nama yakka hojjate tokkoon sababaa cubbuu isaatiif ati hin duuta yoo jedheen ati amma namni sun cubbuu irraa akka deebi'ee fayyuuf isa hin seerre namni sun cubbuu ufiitiin du'a; waan du'a isaatiif garuu si gaafadha. Ati nama cubbamaa san gorsitee inni yoo cubbuu ufii irraa hin deebine cubbuu ufii saniin du'a; ati cubbuu isaa saniif hin gaafatamtu. Namni balchaan fayyaalessi tokko waan hamaa hojjachuu jalqabee ani akka inni rakkoo irratti kufu yoo godhe yoo ati isa hin gorsinee inni cubbuu ufiitiin du'a; hujiin mishaan inni armaan dura hojjate maruu isaa hin laallamu; waan inni du'eef saniif situ itti gaafatama. Namni balchaan mishumma'aan beekkame tokko akka inni cubbuu hin hojjanne isa gorsitee inni gorsa kee san fudhatee cubbuu hojjachuu yoo dhiise dhugamaan lubbu'uun jiraata; atillee waan isaatiif hin gaafatamtu.» Hennaa san hunni Rabbii na irra ture; «ka'ii gara dhooqaa deemi achitti sitti dubbadhaa» naan jedhe. Kanaafuu ani ka'ee gara dhooqaa gad bu'e; achitti ulfinna Rabbii ka akka laga Keebaarii biratti argee san argee kallachaan lafatti gad kufe. Hafuurri Rabbii garuu gara kiyya dhufee miilaan na dhaabsise; Rabbi akkana naan jedhe, «Ati gara mana keetii galii balbala cufadhuu taa'i. Ilma namaa! waan haadaan si hidhaniif banii keessa baatee hin dandeettu. Ati akka banii dhibaa kana hin gorsine akka arrabni kee hidhamee laageda'aan wolitti maxxanu godha» Garuu yoo ani deebi'ee sitti dubbadhee arraba kee hiike akkana isaaniin jetta, «Rabbiin maraa olii, ‹banii dhibaa waan ta'aniif yoo ka dhagayanii haa dhagayanii; yoo didan haa dhiisanii.› » Rabbi akkana jedhe, «Ilma namaa! faara dhoqqee irraa hojjatame baxxicha fuudhii uf afoo kaayii fakii qachaa Yerusaalemii irratti kaasi. Fakii san akka qachaa woyiititti laaliitii balaa itti buusu'uuf qophaayi; mi'a faaraa san qacce'ee haga qacce'eetitti biyyee tuulii hulee irra ol bayaniin tolchii fakii san akka waan loltoonni marsaniititti marsi; karaa maraanuu utubaa mukaa hojjadhuutii akka waan balbala dallawa qachatti'ii diidduu godhi. Ati eelee sibiilaa fuudhii si'ii fi qachattii jiddu'utti akka dallawaatitti dhaabi fuula kee gara qachatti'ii deebisii waan marfamte haa fakkaattuu; ka isii marsullee sima; kun banii Israa'eliitiif malkata ta'a. «Eeganaa ati cinaacha kee ka bita'aatiin ciisi; ati cubbuu worra Israa'elii baadhu; guyyaa cinaacha keetiin ciiftu maraa cubbuu isaanii baadhatta. Haga bara worri Israa'elii cubbuu hojjate baay'inna guyya'aa sii murteesseera; guyyaan tokko waan woggaa tokkooti jechu'u; kanaafuu ati guyyaa dhibba sadihii fi sagaltamaa cubbuu worra Israa'elii baadhatta. Haga waan kana gooteen maayessa cinaacha kee ka mirgaatitti gara galtee ciiftee haga guyyaa afurtamaa yakka worra Yihuuda'aallee hin baadhatta; kunillee adabbii ani wogga wogga'aan isaan adabuun wol qixa jechu'u. Gara Yerusaalemii marfamteertuu xiinxallii laali; harka kee ol kaasii raaga isii seeru'uu itti dubbadhu. Haga hennaan isiin itti marfamte sun raawwatutti akka ati cinaacha kaanii gara cinaacha biraatitti gara hin galle haadaan si hidha. Ati amma qamadii, garbuu, baaqelaa, Misira, Misinga'aa fi ajjaa fuudhii wolitti makii daassisii budeena godhadhu; kun nyaata guyyaa dhibba sadihii fi sagaltamaa hennaa cinaacha kee ka bita'aatiin ciiftu nyaattu. Ati nyaata guyyaa guyya'aan giraama dhibba lamaa fi soddomaa gayu nyaatta; nyaata kana guyyaa itti aanuufillee qusata'aa hennaa murtaayeef nyaatta. Bisaan ati dhuddu waan diqqoo ta'uu barbaachisuuf guyya'aan kobbee lama lama dhudda. Buddeena garbu'uu kobootuu udaan namaatiin bilcheeffattee nyaatta.» naan jedhe. Rabbi, «Wonti kun hennaa ani banii Israa'elii biyya ormaa maraa keessa isaan bittinneessu nyaata battaaye ka seerri isaan dhoogge akka nyaatan mudhisa» jedhe. Ani akkana jedhee deebiseef, «Rabbii maraa olii! kun sirimaa hin ta'in! ani waan battii sirima tuqee hin beeku; ani daa'immummaa kiyya irraa jalqabee waan battaaye yookaan foon horii bineensi ajjeessee hennaan nyaadhe hin jiru; nyaata nama jibbisiisullee nyaadhee hin beeku.» Rabbi akkana naan jedhe, «Misha'a; eeganaa bikka udaan namaa kobootuu hori'ii guurii buddeenaan bilcheeffadhuu nyaadhu!» Ammallee akkana naan jedhe, «Ilma namaa! nyaanni worra Yerusaalemiitii dhiyaatu akka dhaabatu godha; baniin achi jiraatan maruu sodaatanii shukula'aa waan nyaataniif waan dhugan qusata'aa akka nyaata'aa dhugan godha. Isaan buddeenaa fi bisaan dhugan dhaban; kanaafuu abdii kutatanii ija keessa wol laalan; sababaa yakki isaanitti guddatuuf nafti isaanii hin huqqata.» Rabbi akkana jedhe, «Ilma namaa! guraadee qarame fuudhii areedaa fi mataa kee haadadhu; rifeensa kee madaalii bakka sadihitti qoodi. Haga hennaan marfaman sun lufeen maayessa rifeensa qoodame keessaa tokko fuudhii faara baxxicha dhoqqee irraa hojjatame irratti gubi; ka lammeesso'oo keessaallee sadihi keessaa tokko fuudhii naannaya fakiin qachattii irratti kaafame faara baxxicha dhoqqee irraa hojjatame bira kaayi; ka sadeesso'oo garuu qilleensa keessa ol bittinneessi ani guraade'een isa ari'aa. Naannaya qachatti'iititti guraade'een mummurii akkasuma rifeensa hafe diqqoo fuudhii qaccee waan uffattuutitti guduunfadhu. Ammallee kanniin keessaa diqqoo fuudhii ibiddatti buusii akka gubatu godhi; ibiddi achi irraa ka'u banii Israa'elii maraa bira gaya.» Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ati Yerusaalemiin laali! ani akka biyyi heddu isii marsee isiin wodhakkaa isaanii jiraattu taasiseera. Yerusaalem garuu seera kiyyaa fi ajaja kiyya maraa diiddee banii kaawwan caalaa baddu'uu fi biyya kaawwan maraa caalaa dhibduu akka taate uf mudhifteerti; Yerusaalem seeraa fi ajaja kiyya tuffatteerti; ajaja kiyya hin hordofne.» Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Isin worra Yerusaalemiin keessa jiraattan! banii naannaya keessan jiran caalaa worra seera hin qabne taataniirtan; seeraa fi ajaja kiyya hin kabajjine; seera banii naannaya keessan jiraniitiinillee hin jiraanne. Kanaafuu ani Rabbiin maraa olii akka lola kiyya gudda'aan sitti dhufa'aaru sitti mudhisa; uduu baniin maruu si argu murti'iin si adaba. Sababaa battummaa keetiitiif adabbii armaan dura sitti fidee hin beennee fi ka uf afoollee sitti fidu'uuf hin taane sitti fidaa. Sababaa kanaaf maatiin Yerusaalemiin keessa jiraatan ijoollee ufii nyaatan; ijoolleen isaaniillee maatii ufii nyaatan; akka kanaan isin maraa adaba; worra hafe garuu kallattii arfaniinuu isaan bittinneessa. Kanaafuu ani Waaqa jiraataa waan ta'eef ani Rabbi wonti jedhu sababaa isin waan hama'aa fi waan battii hojjata'aa mana woyyuu kiyya batteessitaniif araara malee akka salphattan isin taasisa. Baniin keessan harka sadihi keessaa tokko beelaa fi dhukkubaan dhuma; harka sadihi keessaa tokko qacha'aan alatti guraade'een isaan fixa; harka sadihi keessaa tokko ka hafe garuu qilleensa gara arfanii keessa haga isaan bittinneesseen maayessa guraade'een isaan ari'a. Achii lolli kiyya hin qabbanaaya; ani lola kiyya jabaa isaan irratti buusee gammada; isaan hennaa ani lola kiyya isaan irratti buuseen maayessa akka ani Rabbi hinaaffa'aan dubbadhe beekan. Akkasuma biyya keessan maaraa fi akka baniin naannoo keessan jiru maruu isinitti baldan, akka isin masifatan taasisa; ani waan kana ka dhufuu fi ka lufu uduu argu godha. Lola kiyya jaba'aan murtii kiyya guddaa isin irratti buusee hennaa isin adabu akka baniin naannoo keessan jiran maruu isin masifatan, akka isin ajiifatan, akka isin arganii uf eeggatanii fi sababaa naasuu namoota biraa taatan; ka waan kana dubbate ana Rabbi. Isin beelleessu'uuf beela akka ebo'ootitti nama ajjeesu isinitti erga; deddeebi'ee beela isinitti fida; akka nyaanni isin irraa dhaabatu taasisa. Ani bineensa bosonaatii fi beela gad isinitti dhiisa; ijoollee teessanillee hin ajjeessan; woraana isinitti fida; balaanii fi dhiiga jissuun isin keessatti babadhata; ka waan kana dubbate ana Rabbi» jedha. Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ilma namaa! gara gaarran Israa'elii laalii isaanitti raaga dubbadhu. Gaarran Israa'elii dubbii Rabbii maraa olii akka dhagayan isaanitti himi; dubbiin ani Rabbiin maraa olii dubbadhu gaarran, tulloonni, qileen hedduutii fi dhoondhi maruu haa dhagayanii; guraadee hulee isin itti sagaddan ka waaqa tolfama'aa san balleessu isaanitti ergaa. Huleen ciincaa itti dhiyeessan maruu hin diiggama; miini hixaana ittiin dhiyeessan maruu hin caccaba; reeffa namoota ajjeesanii waaqolee tolfamaa biratti gatan. Reeffa banii Israa'elii akka hulee waaqolee tolfama'aa biratti gatan taasisa; lafee isaanii naannoo hulee ciinca'aatitti bittinneessa. Qachoonni isin keessa jiraattan maruu ona ta'an; huleen isin itti sagaddan gugurdaan hin diiggama; huleen ciinca'aa keessan diiggamee daaraa ta'a; waaqoleen tolfamaan keessan caccaba'aa kufan; meeshaan keessan ka isin hixaana ittiin dhiyeeffatan hin caccaba; wonti isin hojjattan maruu duwwaa ta'a. Reeffa namoota qalamanii naannoo keessanitti gatan; achiin maayessa isin akka ani Rabbiin ta'e beettan. Garuu isin keessaa namoonni hagoon akka hafan taasisa; isin keessaa gariin waan guraadee irraa haftaniif gara banii biyya biraa dheessitanii baqattanii bittinnooftan. Isin worri guraadee irraa haftan worra isin booji'e keessatti na qaabattan; isin onnee keessan hamaa seera kiyya irraa fagaatee fi ija teessan hamtuu waaqolee tolfamaa laaltu qaabata'aa akka na gaddisiiftan qaabattan; waan hujii keessan batti'ii fi waan hamaa gootan maraafuu uf jibbitan. Isaan akka ani Rabbiin ta'ee fi seerri ani isaanii kenne maruu dhaaduma callaa akka hin taane beekan; waan hamaa isaanitti fida jedhee ka dubbadhe akkanumaanii miti. Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Worra Israa'elii ka waan battummaa ufii maraaf beelaa, woraanaa fi bala'aan dhuman maraaf hobbaas! jedha'aa harka dhaya'aa lukaan lafa dhiita'aa gadda keessan mudhisaa'a!» jedhii iyyi. Worri fagoo jiran dhibamanii du'an; worri dhiyoo jiran woraanaan dhuman; worri achi irraa hafan garuu beelaan dhuman; akkaataa kanaan lola kiyya guddaa isaan irratti buusa. Reeffi hedduu naannaya waaqolee tolfama'aatii fi naannaya hulee ciinca'aatitti tuulama; reeffi hedduu tulluuwwan gugurda'aa fi gaarran irratti akkasuma mukkiin lalisee fi odaawwan gugurdaa jalatti fi hulee isaan waan urgaayaa waaqolee tolfamaa ufiitii dhiyeessan maraa irratti kufan; hennaa san namoonni akka ani Rabbiin ta'e beekan. Ani dhugamaan harka kiyya diriirsee biyya isaanii balleessa; lafa gammoojji'ii ka kibbaatii jalqabee haga qachaa Ribila'aa ta gara kaabaatitti argamtuu ona isii taasisa; hulee worri Israa'elii irra jiraatan maraa tokko uduu hin hafne balleessa; hennaa san akka ani Rabbiin ta'e namoonni maruu hin beekan.» Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ilma namaa! ani Rabbiin maraa olii wonti waan biyya Israa'eliitiif jedhu kana; kallattii maraanuu dhumti ardii tanaa gayeera. Isin banii Israa'elii amma badiin teessan geetteerti; lola kiyya isinitti buusa; akkuma hujii keessaniitiin isinitti murteessa; waan battummaa keessan maraatiifillee isin adaba. Ani sirima garaa isinii hin laafu; isinii hin raaramu; haga isin hujii battumma'aa san irra jirtan ani isin adaba; hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beettan.» Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Rakkinni dhufeera! rakkinni dhufeera! Dhumti dhufee isin irra gayeera; dhumti dhuftee isin irra geetteerti. Isin baniin biyyattii keessa jirtan maruu badiin teessan geetteerti; hennaan gayeera; guyyaanillee dhufeera; guyyaan sun guyyaa raafamtan malee guyyaa hulee gugurda'atti gammaddanii itti buraaxxanii miti. Ani amma dhiyeenna kanatti lolaa fi balaa kiyya isinitti buusa; akkuma hujii keessaniitiin isinitti murteessa; sababaa hujii keessan bada'aatiif isin adaba. Ani sirima garaa isinii hin laafu; isinii hin araaramulle'e isin haga hujii battumma'aa irra jirtan ani isin adaba; hennaa san ka isin adabu akka ana Rabbiin ta'e beettan.» Amma kunoo guyyaan Israa'el itti baddu dhiyaateera; dhartinii fi hammeenni baay'ateera; uf jajuunillee guddateera. Sababaa didda'aatiif hujiin hammeennaa baay'ateera; isaan keessaa namni tokkollee hin hafu; durummaanii fi qabeenni isaan horatan maruu wonti tokkollee isaanii hin hafu. Amma hennaan badi'ii gayee guyyaanillee dhiyaateera; lolli kiyya ka ana Rabbii nama maraa irra waan gawuuf ka waa bitatu hin gammadin; ka waa gurguratullee hin gaddin. Haga ka waa bitatuu fi waa gurguratu lafa kana irra jiru namni waa gurgurate meeshaa gurgurate san akkuma deebi'ee hin arganne akkasuma raanni raagame nama maraafuu waan ta'eef hafuu hin danda'u; isaan waan yakka hojjataniif lubbuu ufii oolchuu hin danda'an. Xurumbaan hin afuufama; wonti maruu hin qophaaya; lolli Rabbii waan nama maraa irra gayuuf eennullee gara hulee lolaa hin dhaqu. Diida lolatu jira; mana maraa keessa dhibe'ee fi beelatu jira; worri qacha'aan ala jiraatan maruu lolaan dhuman; worra qachaa keessa jiru garuu dhukkubaa fi beelatu fixa. Akkuma handariin uf hambisu'uuf dhooqa keessaa gara gaaraa ol bayan akkasuma worri du'a irraa hafan yoo jiraatan uf hambisu'uuf jedhanii akkuma handari'ii gaara irra yaa'anii sababaa cubbuu ufiitiif mararoo gadda ufii dhageessisan. Harki maruu haree waa qabuu dadhaba; jilbi maruu hin laamshaya. Uffata gaddaa uffatan; hin nayan; hin saalfatan; mataa haadatan. Isaan meetii ufii karaa irratti gatan; worqiin isaaniillee akka waan batti'iititti laallama; meetiinii fi worqiin isaanii guyyaa lola Rabbii isaan hin oolchu; beela isaan irraa hin balleessu, garaa isaanii hin guutu; wonti kunniin maruu sababaa cubbuu isaaniitiif isaan irra gaya. Faaya bareeda isaanii ka ittiin dhaadatan waaqolee tolfamaa nama jibbisiisuu fi babbadaa ittiin hojjatan; kanaafuu faaya isaanii maraa ani isaan irratti hin jibba. Rabbi akkana jedha, «Faaya keessan maraa ormatu booji'a; worri cubbamtoonnillee akka saamaniif dabarsee kenna; isaan hin busheessan. Saamtonni mana woyyuu kiyya keessa seenanii batteessan; hennaa isaan batteessan ani isaan hin dhooggu. «Ati biyyattiin waan lubbuu namaa ajjeeftuuf, qachattii keessa diddaan waan jiruuf haada sibiilaa ka hidhaniin qopheessi. Banii keessaa namoota hammeeyyii as fidee akka isaan manniin keessan dhaalan godha; uf tuuluu worra jajjaba'aa hin balleessa; isaan hulee keessan ka woyyoome hin batteessan. Isin hennaa rakkattan nagaya barbaaddan garuu hin argattan. Balaan tokko balaa biraa fida; oduun tokko oduu biraa fida; isin akka worri raattotaa raaga argan akka isinitti himan isaan barbaadattan; seerri gadoonni banii barsiisan, gorsi manguddoonni banii gorsanillee isaan harkaa bade. Mootiin hin booya; ijoolleen moototaa maruu sirima abdii kutatan; baniin nayee hollata; ani akkuma hujii keessaniitiin isin adaba; akkuma isin nama biraa irratti murteessitaniin isinitti murteessa; akkaataa kanaan akka ani Rabbiin ta'e beettan.» Nu'u baqannee woggaa jaheesso'oo ji'a jaheesso'oo guyyaa shaneesso'ootitti bulchoonni banii Yihuudaa keessaa baqatanii uduu na woliin mana kiyya jiran dimmaa hunni Rabbii maraa olii na irra bu'e. Yoo ol jedhee laalu waan nama fakkaatu ka akka arraba ibiddaa ifu arge; wonti akka namaa ka ani arge sun mudhi'ii gad ibidda fakkaata; mudhi'ii ol sibiila ibidda keessa kaayanii diimatee ifu fakkaata. Inni waan akka harka namaa fakkaatuun natti hiixatee rifeensa mata'aa na qabe; mudhatuma kana keessa Hafuurri Rabbii ol na fuudhee gara Yerusaalemii na fide; balbala dallaya qachatti'iitiin gara kaabaatiin gara bayimaa itti gad bayanii dabarsee gara hulee waaqoleen tolfamaan hinaaffaa Rabbii kakkaasu jiranii na geesse. Hulee san ulfinna Waaqa Israa'eliititu jira; mudhanni kun mudhata akka laga Keebaarii biratti argeeti. Rabbi akkana naan jedhe, «Ilma namaa! gara kaabaa laali!» ani hennaa laalu hulee ciinca'aa ka balbala dallayaa afoo jiru biratti fakii hinaaffaa Rabbii kakkaasu arge. Rabbi akkana naan jedhe, «Ilma namaa! waan ta'e kana maraa arga'aartaa? waan nama jibbisiisu ka baniin Israa'elii hulee kanatti hojjata'aaran laali; isaan hujii akkanaa kanaan akka ani hulee woyyuu kiyya irraa fagaadhu na godhaniiran; waan nama saalfachiisu ka kana caalu ammaa argita.» Inni gara raasa'aatiin gara balbala seenaniinii na fide; ijaarsa dallayaa irra qaalawa tokkotu jira; «Ilma namaa! kolba kanaan dallaya kana qaalawa baasi» naan jedhe; hennaa qaalawa baase balbala tokko arge. Inni, «Keessa seenii waan hamaa nama jibbisiisu ka isaan hojjata'aaran laali!» naan jedhe. Ani hennaa keessa seenee laalu fakii waaqolee tolfamaa banii Israa'eliitii fi fakii busaayaa qulqulluu hin taanee ka gara'aan naannaya dallayaa irra looyaniititu jira. Bulchoonni Israa'elii torbaatamni Azaanii ilma Shaafaanii woliin achi jiran; isaan maruu girgiraa hixaana itti aarsan harkaa qaban; aarri hixaanaa ka urgaayu girgiraa san keessaa baya. Inni akkana naan jedhe, «Bulchoonni Israa'elii mana waaqolee tolfamaa keessa dukkana keessa taa'anii Rabbi nu hin argu; biyyattiillee dhiiseera jedha'aa waan godhan arga'aartaa?» Inni ammallee waan hamaa nama jibbisiisu ka kana caalu ganaa argitaa» naan jedhe. Kanaafuu inni gara balbala mana woyyu'uu ka cinaa kaabaatiin jiruu na fidee waaqa tolfamaa isaanii ka Tamuuz jedhamuu hennaa dubartoonni isaanii booyaniif natti mudhise. Inni akkana naan jedhe, «Ilma namaa! waan kana argitaa? ammaa waan nama jibbisiisu ka kana caalu argita.» Kanaafuu inni gara raasaa mana woyyuu keessaa na fide; achi balbala mana woyyu'uu hulee ciinca'aatii fi hulee wol bira lufaniin keessa namoota diddamii shaniititu jira; isaan dudda ufii gara mana woyyu'uu deebisanii aduu baatu waaqeffata'aa gara baya biiftu'uu laala'aa sagadan. Ammallee Rabbi akkana naan jedhe, «Ilma namaa! waan kana arga'aartaa? baniin biyya Yihuuda'aa kunniin wonti hamaan isaan hojjata'aaranii fi hammeenni isaan biyyattii keessa babadhisa'aaran isaan hanqatee gara mana woyyu'uu kanallee dhufanii waan kana maraa godha'aa na aarsuu barbaadan; isaan attamitti akka arrabsanii fi waan isaan na aarsu'uuf godhan maraa laali! Kanaafuu ani lola kiyya isaan irratti buusa; ani garaa isaanii laafee isaan hin dhiisu; yoma isaan laagaa ufii ol qabatanii gara kiyya iyyanillee isaanii hin dhagayu.» Kanaan maayessa Rabbi laagaa ufii ol qabatee, «Isin worri qachattii adabdan as dhiyaadhaa'a; meeshaa woraanaa keessan ka waa balleessu'uuf qophaaye qabadha'aatii koottaa'a!» jedha'aa hennaa dubbatu dhagaye. Namoonni jahaa meeshaa waa ajjeesaniin qabatanii gara balbala gubba'aa ka gara kaabaatiin dhufan; isaan keessa nama uffata gad diratan uffatee meeshaa barreessaniin cinaacha tokkotti qabateerutu jira; namoonni jahanuu ol seenanii hulee ciinca'aa ka sibiila diima'aa bira dhaabatan. Waan kanaan maayessa falaqqifni ulfinna Waaqa Israa'elii mudhisu Kiruubeelii dura irra jiru san irraa ka'ee gara balbala mana woyyu'uu dhaqe; Rabbi namicha uffata gad diratan uffate ka meeshaa barreessaniin harkaa qabu san waamee, «Ati qachattii Yerusaalemii maraa keessa naannayii waan hama'aa fi ka nama salphisu ka qachattii keessatti raawwatameen kallacha namoota guddisanii gaddanii irratti malkata godhi!» jedheen. Ammallee Rabbi namoota kaawwaniin «Isinillee nama kana hordofa'aa naannaya'aatii ka qachattii tana keessa jiru maraa ajjeesaa'a; eennuullee garaa laaftanii isaan hin dhiisinaa'a. Jaarsaa ka'ima, dhiiraa fi dubartoota, daa'immanii fi dubartoota maraa ajjeesaa'a; garuu nama kallacha ufii irraa malkata qabu eennuunillee hin tuqinaa'a; ajjeechaa mana woyyuu kiyya irraa jalqaba'aa ajjeesaa'a» hennaa jedhuun dhagaye; kanaafuu bulchoota mana woyyuu bira dhaabatan irraa jalqaban. Rabbi, «Deema'aa mana woyyuu batteessaa'a! bayima reeffa namaatiin guutaa'a!» isaaniin jedhe; isaanillee yaa'anii namoota qachattii keessa jiran maraa ajjeesan. Hennaa ajjeechaan kun raawwatamu hojja kiyya hafee «Rabbii maraa olii! badee! worra Israa'eliin keessatti hafan maraa haga fixxutti hagana mara worra Israa'eliitiin loltaa?» jedheen. Rabbi akkana jedhee deebise, «baniin Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa cubbuu hamaa guddaa hojjatanii yakkaniiran; biyyattii maraa keessatti ajjeechaa raawwataniiran; qachattii keessa akka hammeenni guutu godhaniiran; ‹Rabbi biyya teenna dhiiseera; nu hin laalu» Kanaafuu ani garaa isaanii hin laafu; isaanii hin araaramu; waan isaan namoota kaawwan irratti raawwatan anillee deebisee isaan irratti raawwadha.» Kanaan maayessa namichi uffata gad diratan uffate ka waan barreessaniin harkaa qabu deebi'ee dhufee «Waan ati na ajajje maraa raawwadheera» jedhee Rabbitti hime. Ani hulee mataa Kiruubeeli'ii samii gubba'atti teessoo ulfinnaa ka dhagaa gatii gudda'aa ka Saampeer jedhamuun hojjatame arge. Rabbi nama uffata jirbii qadhaa irraa hojjatame uffateen «Miila akka miila korbo'oo ka worra uumama jiraataa ta'an keessa lufii deemi; harka keetiin barbadaa cile'ee hammaarii fuudhii qachatti'itti facaasi!» jedheen; inni uduu ani isa argu ol seene. Hennaa inni keessa ol seenu Kiruubeel mana woyyuu keessa gara kibbaatiin dhaabateera; raasaa gara keessaatiin jirullee duumessatu ol guute. Ulfinni Rabbii Kiruubeeliin irraa ka'ee gara hulee mana woyyu'uu ka irra dhaabatanii dhaqe; duumessi mana ol guute; raasaan sunillee ifa ulfinna Rabbiitiin guuttame. Laagaan Kiruubeel koola ufiitiin dhageessisan haga raasaa diidaatittillee hin dhagayama; laagaan sun laagaa Waaqa waan maraa danda'uu fakkaata. Rabbi hennaa namicha uffata gad diratan uffate san akka inni miila akka miila korbo'oo ka Kiruubeeliin jala jiruu ibidda fuudhu ajaje inni yoma san keessa ol seenee miila akka miila korbo'oo heddu keessaa tokko bira dhaqee dhaabate. Kiruubeelii hedduu keessaa Kiruubeeliin tokko ibidda isaan jidduu jiru keessaa harka ufii hiixatee barbadaa diqqoo hammaaree namicha uffata gad diratan uffate sanitti kenne; namichi sun barbadaa san qabatee deeme. Ani Kiruubiin maruu koola ufii jalaa waan akka harka namaa fakkaatu qaban arge. Hennaa laalu miilli akka miila korbo'oo maruu Kiruubii maraa bira miilli akka miila korbo'oo afur ka jiru arge; bifti akka miila korbo'oo sanniinii waan gatii gudda'aa ka calalaqu fakkaata. Bifti miila akka miila korbo'oo arfanuu wol fakkaata; isaan maruu miila akka miila korbo'oo ka wol keessa lufu fakkaata. Hennaa gara afo'oo deeman uduu olii gad hin midhanne qajeelanii deeman; miilli akka miila korbo'oo ka afoo jiru gara kamiinillee yoo deeme kuuwwanillee uduu olii gad hin midhanne qajeelanii deeman. Nafti, duddi, harki, koolli isaaniitii fi miilli akka miila korbo'oo uduu hin hafne maruu ija heddu uf irraa qaban. Miilli akka miila korbo'oo sunniin uduma ani dhagayu miila akka miila korbo'oo ka gangalatan jedhamanii waamaman. Kiruubiin maruu fuula afur afur qaban; Kiruubiin jalqabaa fuula sanga'aa fakkaata; ka lammeesso'oo fuula namaa fakkaata; ka sadeesso'oo fuula leencaa fakkaata; ka arfeesso'oo fuula bajjaa fakkaata. Hennaa Kiruubeel lafa irraa ol ka'an isaanillee mudhata uumama jiraattotaa ka laga Keebaarii biratti arge. Hennaa Kiruubeelonni socho'an miilli akka miila korbo'oo ka isaan woliin jiranillee wolumaan socho'an; hennaa Kiruubeelonni bararu'uuf koola ufii badhifatan miilli akka miila korbo'oo ka isaan ladda jiru gara biraa gara hin galan. Hafuurri uumama jiraattota sanniinii waan akka miila akka miila korbo'oo keessa jiruuf uumamni lubbuu qaban sunniin yoo dhaabatan miilli akka miila korbo'oo maruu wolumaan dhaabatan; yoo Kiruubeelonni lafaa ol ka'an miilli akka miila korbo'oo sunniinillee wolumaan ol ka'an. Kanaan maayessa ulfinni Rabbii hulee dhaaba mana woyyu'uu irraa ka'ee Kiruubeeliin irra dhaabate. Ani uduu waan kana laala'aaru Kiruubeelonni koola ufii badhisanii lafa irraa hennaa ol bayan miilli akka miila korbo'oo ka ladda isaanii jiran hennaa isaan woliin ol bayan arge; isaan gara dallaya balbala mana woyyu'uu ka gara baya biiftu'uutiin jiruu hennaa gayan hin dhaabatan; ulfinni Waaqa Israa'eliillee isaan irra jira. Kunniin uumama laga Keebaarii biratti Waaqa Israa'elii jalatti arge; ani akka isaan Kiruubeeliin ta'an beeke. Isaan maruu fuula afur afurii fi koola afur afur qaban; koola maraa jala waan akka harka namaa fakkaatutu jira. Fuulli isaanii fuula akka ani laga Keebaarii biratti argee fakkaatan; Kiruubeelonni maruu qajeelanii gara afo'oo deeman ture. Hafuurri lafaa ol na kaasee gara balbala baya biiftu'uu ka mana Rabbii bira jiru bira na fide; achi balbala dallawaa biratti namoota diddamii shanii arge; isaan keessa namoonni banii bulchan Azaaniyaa ilma Azuuriitii fi Falaaxiyaa ilma Banaaya'aa fa'atu jira. Rabbi akkana naan jedhe, «Ilma namaa! namoonni kunniin karoora badaa baafatan; qachattii tanatti waan hamaa mari'atan. ‹Hennaan deebinee manniin itti ijaarru fago'oo miti; qachattiin akka ottee foon itti affeelanii taatee nu garuu isii keessatti akka foon affeelamee taaneerra› jedhan. Kanaafuu ati ilma namaa isaanitti raaga dubbadhu» Kanaan maayessa Hafuurri Rabbii na irra bu'ee Rabbi akkana jedhii dubbadhu naan jedhe, «Isin banii Israa'elii! isin waan kana dubbattaniirtan; yaada keessan keessa waan jiru ani hin beeka. Qachaa tana keessatti nama hedduu ajjeeftaniirtan; karaa isi'ii maraa reeffaan guuttaniirtan. Kanaafuu wonti ani Rabbiin maraa olii isiniin jedhu kana, ‹foon ottee foon itti affeelan keessa jiru namoota isin ajjeeftan; qachattiin tun ottee foon itti affeelan; isin garuu qachattii keessa baqattan. Isin woraana sodaattaniirtan; ani garuu woraana isinitti fida; ani Rabbi Gooftaan waan kana dubbadheera. Ani qachattii keessaa isin baasee banii ormaatitti isin kennu'uun isinitti murteessa. Kanaafuu daangama biyya teessaniititti woraanaan isin ajjeesan; ani daangama Israa'eliititti isinitti murteessa; hennaa san isin akka ani Rabbiin ta'e beettan. Qachaan tun ottee foon itti affeelan isinitti hin taatu; isinillee isii keessatti akka foonii hin taatan; ani daangaa Israa'elii irratti isinitti murteessa. Isin seeraa fi ajaja kiyya diiddanii seeraa fi ajaja banii ollaa keessan jiruu waan raawwataniif ka isinitti murteesse akka ana Rabbiin ta'e beettan.» Hennaa ani raaga dubbadhu Falaaxiyaan ilmi Banaya'aa kufee du'e; anillee kallachaan lafatti gad kufee iyya'aa, «Rabbii maraa olii! banii Israa'eliin keessatti hafe maraa fixuu barbaaddaa?» jedhe. Rabbi akkana naan jedhe, «Ilma namaa! worri Yerusaalemiin keessa jiraatan waan fira keetii, waan worra kee ka baqateetii fi waan banii Israa'elii maraatiif hin mari'ata'aaran ‹isaan waan Rabbiin irraa fagaataniif Rabbi lafa isaanii dabarsee nuu kenneera› jedhan» Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Yoma ani akka isaan biyya fagoo dhaqanii achi keessa jiraataniif banii hedduu keessa isaan bittinneessellee Ani hennaa hago'oof mana woyyuu isaan itti wol gayan isaanii ta'a. Kanaafuu waan ani Rabbi isaaniin jedhu maraa isaanitti himi; ani banii isin keessa jiraattanii fi biyya isin itti bittinnooftan keessaallee wolitti isin qaba; biyya Israa'eliillee deebisee isinii kenna. Isaan hennaa deebi'an waaqolee tolfamaa battii nama jibbisiisu yoo argan uf afo'oo balleessan. Onnee tokko isaanii kenna; Hafuura haarawa isaan keessa kaaya; onnee akka dhaga'aa jabaatte isaan keessaa baasee onnee akka foonii laaftu isaanii kenna. Hennaa san isaan seera kiyya raawwatan; ajaja kiyya maraa hin kabajjan; isaan banii kiyya ta'an; anillee Waaqa isaanii ta'a. Worra onnee ufiitiin waaqolee tolfamaa battii nama jibbisiisu hordofan garuu akkuma hujii isaaniitiin isaanii kenna» jedha; ka waan kana dubbate Rabbii maraa oliiti. Hennaa san Kiruubeelonni koola ufii badhisanii bararuu jalqaban; miilli akka miila korbo'oo isaan ladda jira; ulfinni Waaqa Israa'elii ka calanqisu isaan irra jira. Ulfinni Rabbii ka calanqisu qachattii keessaa ka'ee gaara gara qachattiin gara baya biiftu'uu jiru irra dhaabate. Hafuurri ol na kaase; mudhata Hafuura Rabbiitiin kennameen gara worra baqatan ka Baabilooniin keessa jiruu na fide; achiin maayessa mudhanni ani arge ka'ee na irraa deeme. Anillee waan Rabbi natti mudhise maraa worra baqate sanniinitti hime. Rabbi akkana naan jedhe, «Ilma namaa! ati banii dhibaa keessa jiraata'aarta; isaan worra dhibu waan ta'aniif uduu ija qaban hin argan; uduu gurra qaban hin dhagayan. «Kanaafuu ilma namaa! meeshaa kee ka baqaa wolitti qabii qopheeffadhuu uduu isaan si argan guyyamaan isaan biraa baqadhu; akka nama baqatuutitti hulee keetii ka'ii gara hulee biraa deemi; isaan yoma worra dhibu ta'anillee maal laataa hubachuu danda'an. Akka nama baqatuu uduma isaan si argan meeshaa kee ka baqattuun qopheeffatta; uduma isaan si argan akkuma worri qabatan ta'an halkaniin isaan biraa bayii deemi. Hennaa isaan si laalan dhaaba mana keetii fullaasii qaalawa baasii meeshaa kee qaalawa san keessaan baasi. Hulee dhaqa'aartu akka hin argine meeshaa kee gurmu'utti baadhadhuu fuulatti haguuggadhuu hennaa dukkana keessa deemtu si haa argani; ani worra Israa'eliitiif malkata si taasiseera» naan jedhe. Ani waan Rabbi na ajaje maraa hin godhe; guyyama san akka nama baqatuutitti meeshaa kiyya wolitti qabadhe; hennaa lafti galgaloofte harkuma kiyyaan qaalawa manaa baasee achiin meeshaa kiyya gad baase; uduu namoonni na argan meeshaa kiyya gurmu'utti baadhadhee dukkanaan deeme. Bariisaa san Rabbi ganamaan akkana naan jedhe; «Ilma namaa! worri Israa'elii dhibaan sunniin ‹wonti ati amma godha'aartu kun maali'i› jedhanii si hin gaafannee? Kanaafuu waan ani Rabbiin maraa olii jedhu isaanitti himi; dubbiin raagaa kun ilmaan moototaa ka Yerusaalemiin bulchanii fi banii achi jiraatan marattuu dubbatameera. Wonti ati goote kun maruu malkata isaan irratti raawwachu'uu akka ta'e isaanitti beessis; isaanillee worra baqatuu fi worra booji'aman ta'an jechu'u. Ilmi mooti'ii ka isaan bulchu meeshaa ufii wolitti qabatee gurmu'utti baatee qaalawa isaan qopheessaniif keessaan hulluuqee dukkanaan baqata; inni waan fuulatti haguuggatuuf lafa hin argu. Ani garuu siiboo kiyya badhisee isa qaba; uduu inni ijaan hin argine gara qachaa Baabiloonii ta inni itti du'uu isa fida. Worra isatti dhiyaatee isa gorsuu fi worra isa eegu maraa karaa maraanuu isaan bittinneessa; ani duubaan guraade'een isaan ari'a. «Hennaa worra Yihuudota hin taanee fi biyya gara garaa keessa isaan bittinneesse akka ani Rabbiin ta'e beekan. Garuu isaan keessaa namoota hagoo woraana, beelaa fi balaa irraa akka hafan godha; akkaataa kanaan hennaa isaan banii gara garaa keessa jiraatan hujiin isaanii attamitti akka hamaa nama jibbisiisu ta'e hubatan; akka ani Rabbiin ta'ellee hin beekan.» Rabbi akkana naa jedhe, «Ilma namaa! hennaa waa nyaattu sodaata'aa nyaadhu; hennaa waa dhuddullee sodaata'aa hollata'aa dhugi; Rabbi Gooftaan banii qachattii keessa jiraatanitti sababaa yakka namoota qachattii keessa jiraataniitiif lafti waan ona taatuuf isin nyaata keessan sodaata'aa nyaattan; hennaa bisaan dhuddanillee abdii kutata'aa dhuddan. Amma qachoonni baniin keessa guutanii jiraatan maruu hin badan; biyyattiinillee ona taati; isaan hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beekan jedhiin» Rabbi akkana naan jedhe, «Ilma namaa! mudhanni maruu uduu hin raawwatamne hennaan dheerate jedha'aa waan biyya Israa'eliitiif dubbatamu kun maali'ii? Kanaafuu akkana isaaniin jedhi « Rabbiin maraa olii ‹mammaanni kun akka as irratti dhaabatu godha; lammata wonti kun Israa'eliin irratti hin dubbatamu; bikka san hennaan gayeera; dubbiin raagaa maruu raawwatamu'uuf ta'a› » Ammaa achi banii Israa'elii keessatti mudhanni sobaa yookaan falfalli sirima hin jiraatu. Ani Rabbi qajeelchee dubbadha; wonti ani dubbadhu maruu uduu hin turre raawwatama; isin worri dhibdan waan isinitti fida jedhee isin seeree isinitti dubbadhe maraa bara jireenna keessaniititti akka raawwatamu godha» jedhe Rabbiin maraa olii. Rabbi akkana naan jedhe; «Ilma namaa! worri Israa'elii mudhanninii fi raanni kee ka ‹bara hedduun maayessa raawwatamu› jedha'aa dubbatan Kanaafuu waan ani Rabbi isaaniin jedhu isaanitti himi; wonti ani dubbadhe maruu hin raawwatama; sirimaa hin turu; ka waan kana dubbate ana Rabbii maraa oliiti.» Dubbiin Rabbii ka gara kiyya dhufe akkana jedha, «Ilma namaa! raattota Israa'elii ka matama ufii keessaa fuudhanii raaga dubbatanitti raaga dubbadhu; kana caalaa dubbii Rabbii akka dhagayan isaanitti himi.» Wonti Rabbiin maraa olii jedhu Raattota gowwoota matama ufii keessaa burqisiisanii raaga dubbatanii fi uduu mudhata hin argine worra mudhata argine jedhan isaan hobbaas! Isin banii Israa'elii! raattonni teessan akka jeedallan hulee diiggame keessa jiraataniiti. Isin guyyaa lola Rabbii jala jabaattanii dhaabachuu akka dandeettan gara hulee diiggamee hin baane; yookaan kaloo Israa'elii deebiftanii hin ijaarre. Mudhanni isaanii soba; falfalli isaaniillee kijiba; uduu Rabbi isaan hin ergine ‹Rabbi akkana jedha› jedhan; kunillee ta'ee akka waan dubbiin isaanii raawwatamuutitti laalan. Hennaa waan ani hin dubbanne ‹Rabbi akkana jedha› jedha'aa dubbattan wonti isin argitan mudhata sobaatii fi falfala falfaltanii miti?» Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha, «sobni dubbattanii fi mudhanni keessanillee mudhata kijibaa waan ta'eef ani isinitti ka'a; ka waan kana dubbate ana Rabbii maraa oliiti. Ani raattota mudhata arganii fi raattota falfalan irratti harka kiyya diriirsa; isaan gumii banii kiyyaa keessatti hin argaman; siri'ii isaan galmee banii Israa'elii keessatti hin galmaayan; isaan lafa Israa'elii keessa sirima hin seenan; hennaa san isin akka ani Rabbii maraa olii ta'e beettan. Raattonni kunniin worra hin amanamne ta'aniiran; uduu nageenni hin jirre ‹nagayatu jira› jedha'aa banii kiyya dogoggorsan; yoo baniin kaloo ijaaru isaan hallu'uu uwwiftan; hojjattoota dhaaba manaa ka jigu'uuf daaqe hallu'uun uwwisanii haarawoomsan; Kanaafuu worra hallu'uun uwwisanitti akka kaloon jigu himi; dirsa'atu bu'a; dhagaa barada'aa guddaa gad dhiisa; haboonbolatti'itu kaasa. Hennaa kaloon diiggame baniin «halluun garam deeme? jedhanii isaan hin gaafatanii?» Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Balaa kiyyaan haboonbolattii gad dhiisa; lola kiyyaan dhagaa barada'aa erga; sirima badii guddaa woliin gad bu'a. Haga bu'uurri manaa buqqa'ee lafaan wol qixxaayutti kaloo isin hallu'uun uwwiftan diigee balleessa; hennaa kaloon jigu isinillee achuma keessa baddan; hennaa san isin akka ani Rabbiin ta'e beettan. «Ani kalo'oo fi worra kaloo hallu'uun uwwisan irratti balaa kiyya guddaa buusa; achiin maayessa kaloonii fi worri kaloo hallu'uun uwwisan hin jiraatan isiniin jedha; Isaan raattota Israa'elii waan Yerusaalemiitiif uduu nageenni hin jirre nagayatu jira jedha'aa mudhata arga'aa raaga dubbatan; waan kana ka dubbate ana Rabbii maraa oliiti. Rabbi akkana jedhe, «Ilma namaa! ammallee dubartoota yaaduma ufii keessaa burqiisisanii banii keessatti raaga dubbatanitti xiinxallii raaga dubbadhu. Rabbiin maraa olii akkana jedha jedhii isaanitti dubbadhu; dubartoota irree ufii irratti qudhaama qudhaamatan, dubartoota jireenna namaa balleessu'uuf guftaa gara garaa dhedheeraa qopheeffatanii hobbaas! isin banii kiyya keessaa namoota qabdanii lubbu'uun jiraattanii? Isin garbuu cum'oo tokkootii fi buddeena kutaa diqqoo argatu'uuf jettanii banii kiyya ka soba dhagayutti soba dubbata'aa, worra du'uun isaan hin barbaachifne ajjeesa'aa, worra jiraachuu hin barbaachifne akka jiraatan godha'aa banii kiyya keessatti akka maqaan kiyya arrabamu gootaniirtan.» Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Qudhaama isin banii ittiin balleessitan hin jibba; qudhaama harka keessan irra jiru kukkutee lubbuu isin akka simbirraniititti qabdan bilisa baasa. Haguugguu keessan biinxee banii kiyya harka keessan keessaa baasa; lammata isaan isin harkatti hin kufan; isinillee akka ani Rabbiin ta'e beettan. Isin worra balchaa ani hin gaddisiifne sobaan waan gaddisiiftaniif; cubbamaan karaa ufii ka cubbu'uu irraa deebi'ee lubbuu ufii akka hin oolfanne cubbuu isaatiin waan isa jajjabeessitaniif; Kanaafuu isin ammaa achi mudhata sobaa hin argitan; hujii falfalaallee hin hojjattan; banii kiyya harka keessan keessaa hambisa; hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beettan.» Bulchoota Israa'elii keessaa namoonni gari gariin gorsa na gaafachu'uuf dhufanii na afoo taa'an; Hennaa san Rabbi akkana naan jedhe, «Ilma namaa! namoonni kunniin onnee ufii waaqolee tofama'aa kennaniiran; yakki isaanii isaan afo'otti akka gufuu ta'u godhaniiran; haga wonti kun ta'een maayessa fedha kiyya na gaafachuun kolbaa?» Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha jedhii isaanitti himi; «Banii Israa'elii keessaa worri onnee ufii waaqolee tolfama'aa kennanii fi ka waaqa tolfamaa ufii waaqeffatuun isaanii akka gufuu isaanitti ta'u godhaniiran; namoonni kunniin yoo ka gara raattichaa dhufan ta'e ani Rabbi haguma baay'inna waaqolee tolfama'aatiin deebii gayaa isaanii deebisa. Wonti ani waan kana godhuuf onnee worra Israa'elii ka ana dhiisanii gara waaqolee tolfama'aa deeman maraa deebisu'uuf. «Kanaafuu ati banii Israa'eliitiin ‹Rabbiin maraa olii akkana jedha; waaqolee tolfamaa keessan dhiisa'aatii aagii galaa'a! hujii badaa keessan ka nama gufachiisu maraa irraa deebi'aa'a!» jedhi. Worra Israa'elii keessaa namni tokko yookaan worra ormaa ka isaan keessa jiraatu keessaa namni tokko ana irraa fooyamee waaqolee tolfamaa waaqeffatu'uun yoo ka cubbuu hojjatu ta'ee akka yakki isaa sun gufuu isatti ta'u godhee ammallee deebi'ee gorsa gaafachu'uuf gara raattichaa yoo ka dhufu ta'e ani Rabbi deebii isaa kenna! Ani isa xiinxallee akka isa adabanii fi akka isatti baldan godha; banii kiyya keessaa isa balleessa; achiin maayessa akka ani Rabbiin ta'e beettan. «Raattichi tokko yoo waa isa gaafatanii inni deebii sobaa deebisu'uuf ta'e ani Rabbi akka inni waan san godhu ittuma dhiisa; yoo inni waan kana godhe banii Rabbii keessaa isa balleessa. Raattichinii fi namni waa isa gaafachu'uuf dhufu isaan lachuu adabbii wol fakkaatutu isaan irra gaya. Ani wonti waan kana godhuuf akka baniin Israa'elii ammaa achi karaa na bira geessu hin dogoggorree fi akka lammata yakka ufii maraanuu uf hin batteessineef; yoo kanaan jabaatanii dhaabatan ani Waaqa isaanii ta'a; isaanillee banii kiyya ta'an» jedha. Rabbi akkana naan jedhe, «Ilma namaa! baniin biyya tokkoo ana amantii dhabee yoo cubbuu hojjate ani midhaan nyaatan isaan dhooggadhee beelaan isaan adaba; namootaa fi busaawaa hin ajjeessa. Namoonni sadiin sunniin Noohi, Daani'elii fi Iyyoob faatinuu yoma isaan keessa jiraatanillee isaan mishummaa ufiitiin ka hambisuu danda'an lubbuma ufii calla'a; ka waan kana dubbate Rabbii maraa oliiti. Ani biyyattii sanitti bineensa ergee akka biyyattiin sun nama dhabduu fi akka eennullee isii keessa lufuu hin dandeennetti biyyattii san ona taasisa. Ani Rabbi Waaqa jiraataa waan ta'eef yoma namoonni sadihii sunniinillee achi jiraatan isaan lubbuu ufii malee ijoollee ufiituu hambisuu hin danda'an; biyyattiin ona taati. Garuu biyyattii sanitti woraana fidee namootaa fi busaayaa meeshaa waa balleessuun akka badan yoo godhe, Ani Rabbi Waaqa jiraataa waan ta'eef yoma namoonni sadihii sunniinillee achi jiraatan lubbuu ufii malee ijoollee ufiituu hambisuu hin danda'an» jedha Rabbiin maraa olii. «Yookaan biyyattii sanitti balaa buusee akka lola kiyyaan lubbuun namoota hedduutii fi busaaya'aa badu godha. Kanaafuu ani Rabbi Waaqa jiraataa waan ta'eef Noohi, Daani'eelii fi Iyyoob yoma isaan keessa jiraatan lubbuma ufii hambifatan malee ijoollee ufiituu hambisuu hin danda'an» jedha Rabbi Gooftaan. Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Bani'ii fi busaayaa maraa balleessu'uuf woraana, beela, bineensaa fi dhukkuba balaa babbadaa arfan kanniin isaaniin balleessu'uuf Yerusaalemitti fida. Garuu ijoolleen dhiiraatii fi ta intalaa worri achii bayee hafu hin jiran; isaanillee gara keessan dhufan; isin hennaa jireenna isaaniitii fi hujii isaanii argitan rakkoo Yerusaalemitti fide, waan hamaa isaanitti fide maraa irraa hin jajjabaattan; Jireenna isaaniitii fi hujii isaanii yoo argitan hin jajjabaattan; woma tokkollee duwwamaan akka hin goone hubattan» jedha Rabbiin maraa olii. Rabbi akkana naan jedhe, «Ilma namaa! jirmi woyini'ii jirma mukkiin biraa, dameen isaallee damee mukkiin bosonaa maali'iin caala? Waan tokko ijaaru'uuf hin fayyadaa? makkallaa meeshaa itti fannifatan irraa hojjatuun hin danda'amaa? Ibiddaan bobeessuu malee waan biraatiif hin fayyadu; yoo qacceen isaa gubatee bobayeen maayessa isaan waan tokko ijaaruu hin danda'anii? Uduu hin gubanneen duratti waan gatii hin qabne yoo ta'e haga ibiddi gubeen maayessa ka san caalaa faayidaa hin qabne ta'a.» Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha, «akkuma mukkiin bosona keessa jiran keessaa jirma woyini'ii muka qoraanii godhe banii Israa'eliillee akkasuma godha. Ani isaaniin lola; yoma henna'aaf ibidda jalaa bayanillee ibiddi isaan guba; ani hennaa isaaniin lolu akka ani Rabbiin ta'e beettan. Isaan ana abdachuu dhiisaniiran; anillee akka biyyattiin isaanii lafa onaa taatu godha» jedha Rabbiin maraa olii. Rabbi ammallee akkana naan jedhe, «Ilma namaa! wonti jibbisiisaan Yerusaalem goote hagam akka badaa ta'e isi'itti himi; Waan Rabbiin maraa olii waan isi'iitiif jedhu akkana jedhii isi'itti himi; «Ati biyya Kana'aanii keessatti dhalatte; Abbaan kee nama gosa Amoorotaati; haatee nama gosa Hiitotaati; Hennaa dhalatte handhuurri kee hin muramne; akka qulqullooftu bisaaniin hin dhiqanne; yookaan sooqiddaan si sukkuumanii uffataan si hin mammarre. Waan kanniin maraa keessaa tokkollee ka garaa sii laafee sii godhu hin jiru; Ati hennaa dhalatte waan jibbamteef raasa'atti si gatan. Ani hennaa karaa saniin lufu akka ati dhiigaan maanxamtee dhidhiitattu si arge; Ati silaa dhiigaan ukkaamamtee duuta; Ani akka ati lubbu'uun jiraattu si godhe. Ani akka ati muka kunuunsanii itti toleetitti akka guddattu si godhe; ani nafa si jabeessee hojjaa si dheeressee akka ati guddattee bareeddu si taasise; harmi sii guntute, rifeensi mataa keetii sii dheerate garuu qullaa hafte. Ammallee deebi'ee yoo si bira lufu hennaan kee hennaa jaalalaati, nafa kee ka qullaa jirutti nuura kiyya uwwisee waadaa sii gale, Ani si woliin waadaa akka fuudhaa fi heerumaa galee tiyya si taasifadhe» naan jedhe; ka waan kana dubbate ana Rabbii maraa oliiti. «Achiin maayessa anuu nafa kee ka dhiigaan maanxame dhiqee dhadhaa ejersaa si dibe. Shinshinii kuulaan bareechisan sitti uwwise; kophee gogaa mishaa irraa hojjatame sitti godhe; uffata haarrii gatii gudda'aa mata'atti sii hidhe; uffata ulfinnaa ka waan gara garaa irraa hojjatame irraan sii dhaye. Faaya gara garaatiin si bareechise; laakkaa harkaatii fi faaya mormaa sitti godhe. Funyaan keetitti qubee; gurratti qeshoo sii godhe. Ati faaya gara garaa ka meeti'ii fi worqii irraa hojjatame uffata gatii gudda'aa ka faaya gara garaa irraa hojjatame bareeda qabda; xoroshoo daakuu misha'aan hojjatame, dammaa fi dhadhaa ejersaa nyaatta; bareeddinni kee waan guddisee eda'aa deemeef mootittii ta'uu dandeetteerta. Ani gaachenaa fi ulfinna kiyya si irra kaayee waan guddisee si bareechiseef sababaa bareeda kee ka hanqinna hin qabneetiif biyyi maruu si beeke; ka waan kana dubbate Rabbii maraa oliiti. Ati garuu bareeddinna keetii fi gurra dhagayachuu keetitti irkifattee ka dhufuu fi ka lufu maraa woliin seebarte. Uffata kee keessaa hagoo fuutee hulee kee ka itti sagadduun midhaaffatte; achumaan seebara keellee hin dhiifne; silaa wonti kunniin raawwatamuu hin barbaachisu; sirimaa silaa raawwatamuu hin barbaachisu. Faaya gara garaa ka meeti'ii fi worqii irraa hojjatame ka ani sii kenne fuutee waaqolee tolfamaa fakii dhiiraatiin hojjattee woliin seebarte. Uffata bifa gara garaatiin bareede ka ani sii kenne fuutee fakii waaqolee tolfama'aa sanniinitti uwwifte; sayitii ejersaatii fi hixaanallee fuutee fakii sanniinii dhiyeessite. Daakuu mishaa, dhadhaa ejersaatii fi dammi akka nyaata sii ta'uuf sii kennee ture; ati garuu waaqolee tolfamaa kee gammachiisu'uuniif ciincaa mishaa urgaawuun isaanii dhiyeessiteen kun ta'eera; ka waan kana dubbate ana Rabbii maraa oliiti. Seebaruun si hanqatee ijoollee tee ta dhiiraatii fi ta intalaa fuutee waaqolee tolfamaa keetiif ciincaa dhiyeessite. Ijoollee tiyya goorraatee waaqolee tolfama'aaf ciincaa dhiyeessite. Jireenna kee ka seebaraa ka nama jibbisiisu ka hennaa ijoollummaa keetii hin qaabanne; kana jechuun qullaa akka taate, akka hennaa dhiigaan maanxamtee dhidhiitattuu ati sirima hin qaabanne.» Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Si hobbaas! si hobbaas!» haga waan hamaa sanniin maraa hojjatteen maayessa, Raasaa marattuu hulee irra dhaabatan dhedheeraa ijaartee qopheeffatte. Akkaataa kanaan karaa maraa keessatti hulee waaqolee tolfama'aa ijaartee bareeda kee batteessite; ka dhufu maraafuu nafa kee kenna'aa guyyama guyya'aan seebaruu baay'essite. Worra biyya Misirii fufurdaa ka seebara jaalatan akka si woliin seebaran goote; ati na aarsu'uuf jettee seebaruu baay'essite. Amma garuu ani si adabu'uu fi gayaa eebba keetii si irraa dhidhisu'uuf harka kiyya hiixadheera; akka isaan waan barbaadan si irratti hojjataniif si'i diina keetitti, durummaa kee worra Filisxeemii ka si sodaachisanitti dabarsee kenna. Hujiin seebaru'uu ka kaawwan woliin hojjattu sii hanqatee worra Asoorii woliin seebarte; garuu isaanillee dheebuu si hin baafne. Worra Baabiloonii ka daldalan woliin goshoo taatee seebara'aa turte; garuu isaanillee dheebuu si hin baafne. Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ati akka dubartii hin saalfannee ta seebartuutitti ka waan kana maraa raawwatte dadhabduu attamii taateeti? Ati karaa marattuu hulee ol ka'u ka irra dhaabatan ijaaratta; bayima marattuu hulee waaqolee tolfamaa kee itti waaqeffattu qopheeffatta; ta'ullee ati akka dubartii seebartuutitti horii wolitti qabachuu hin barbaanne. Ati intala seebartu akka intala abbaa worraa ufii jaalachuu dhiiftee orma woliin seebartuu taate. Dubartii seebartuu gati'itu kaffalamaaf, ati garuu bikka gatii fudhattuu goshoota teetii kennaa kennita; akka isaan hulee gara garaatii dhufanii si woliin seebaran gatii isaaniin sobdu isaanii kennite. Kanaafuu ati dubartii seebartuu addaa taateerta; garuu akka ati akkana taatu ka si sossobe hin jiru; ati gatii isaanii kaffalta malee ka gatii sii kaffalu hin jiru; kanaafuu dubartii dhugamaan seebartu.» Ati Yerusaalemii seebartu! waan Rabbi jedhu dhagayi! Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ati hawwa seebaraatiin gubatteerta; worra si jaalatanitti nafa kee kenniteerta; waaqolee tolfamaa nama jibbisiisan maraa waaqeffatteerta; dhiiga ijoollee teetii jissitee waaqolee tolfama'aa dhiyeessiteerta; Ani sababaa kanaaf worra ati woliin gammadde, ka ati jaalattee fi ka ati jibbite maraa akka nafa kee qullaa argan naannoo maraa wolitti qabee isaan afo'otti qullaa si hambisa. Ani murtii worra si woliin seebaranii fi dubartoota jireenna namaa balleessan murteessu sitti murteessa hinaaffa'aa fi lola kiyyaanillee si balleessa. Akka ati baallii isaanii jala taatu dabarsee isaanitti si kenna; isaanillee hulee ol ka'u ka irra dhaabatanii fi madabii kee maraa hin diigan; uffata kee si irraa mulqatanii, faaya kee maraa si irraa fudhatanii duwwaa si hambisan. Isaan banii dhaga'aan tumanii, guraade'een mummuranii si ajjeesan sitti kakkaasa'aaran. Isaan manniin kee ibiddaan guban; isaan dubartoota hedduu afo'otti murtii ufii si irratti mirkaneessan; akkaataa kanaan akka ati hujii seebaraa kee kana dhiiftuu fi worra si jaalatuu gatii seebaraa kaffaluu kee akka dhiiftu si taasisa. Kanaafuu lolli ani siin lolu hin dhaabata; hinaaffaan kiyyallee si irraa fagaata; lolli kiyya ka si irra jirullee hin qabbanaaya; deebi'ee siin hin lolu. Ati waan ani hennaa ijoollummaa keetii sii godhe maraa hin irraanfatte; hujii hamaa hojjattee na aarsite; kanaafuu haguma cubbuu hojjatteen akka gatii argattu godhe; hujii badaa hojjatte maraa irratti deebitee battummaa seebaraa edaatee hojjachuun maali'iif ta'inna?» ka waan kana dubbate Rabbii maraa oliiti. Rabbi akkana jedhe, «Yerusaalem! namoonni waan kee ‹mucattiinillee akkuma haadhaa taate!› jedha'aa sitti mammaakan. Ati dhugamaan finna haateetiiti; haatee abbaa worraa ufiitii fi ijoollee ufii jibbitee turte; atillee akkuma intallan haateetii ta abbaa worraa ufiitii fi ijoollee ufii jibbiteeti; atii fi intallan haatetii abbaa gosa Amoorotaatii fi haadha gosa Hiitotaa qabdan. Obboleettiin tee ta hangafaa akkuma Samaariyaa ganda isi'ii woliin gara kaabaa jirtuuti; obboleettiin tee ta maandha'aa Soodomii gandiin keessaa gara kibbaatiin jirtuuti; Ati isaan faanaa deemtee hujii jibbisiisaa hojjachuu callaa uduu hin taane hennaa gabaabaa keessatti jireenna kee maraanuu isaan caaltee hujii hamaa hojjatte. «Ani waan jiraataa ta'eef wonti jedhu kana; obboleettiin tee Soodomii fi gandiin isi'ii waan hamaa atii fi gandiin hojjattan caalaa hin hojjanne» jedha Rabbiin maraa olii. Yakki obboleettii tee ta Soodomii kana; isiinii fi gandiin isi'ii hin boonan; yoo hagamillee nyaataa fi dhuddoo isaan irraa hafee fi qananiillee qabaatan rakkata'aa fi hiyyeeyyii hin gargaaran. Isaan worra dhibu ta'anii waan ani jibbu maraa raawwatan; akkuma beettu ani isaan barbadeesse. Samaariyaanuu wodhakkaa cubbuu keetiituu hin hojjanne; ati isii caalaa cubbuu hamaa nama jibbisiisu hojjatte; battummaa kee ka intallan haatetiitiin yoo wol bira qaban ka isaanii akka waan yakka hin qabnee fakkaata. Ati ammallee salphinna kee baadhadhu; sababaa cubbuun kee guddisee hamaa ta'eef intallan haatetii yoo si'iin wolitti bikkaman isaan akka waan yakka tokkollee hin qabnee qulqulloota fakkaatanii mudhatan; ati obboleeyyan tee akka waan cubbuu hin qabnee qulqulloota waan fakkeessiteef salphinna akka uffataatitti haguuggadhuu taa'i.» Rabbi waan Yerusaalemii akkana jedhe; «Soodomii fi gandiin isi'iitii, Samaariya'aa fi gandiin isi'iitiillee akkuma qabeenna isaanii ka durii deebisu keellee sii deebisa. Ati salphinna kee haguuggattee waan goote maraafuu hin saalfatta; Soodomii fi Samaariyaan yoo waan kee kana argan isaan cubbamtoota akka keetii waan hin taaneef hin jajjabaatan. Obboleeyyan tee Soodomii fi ijoollee isi'ii ta intallanii, akkasuma Samaariyaanii fi ijoolleen isi'ii ta intallanii garuu gara hulee ufii ka duriititti deebi'an; akkasuma atii fi gandiin keellee gara hujii keessan ka duriititti deebitan. Obboleettiin tee Soodom bara ufiititti hennaa uf jajju sitti balda'aa hin turree? Isiin ka waan kana goote uduu yakki kee hin beekkamneen duraamii? amma garuu ati qachoota biyya Sooriya'aatii fi ollaa isaaniititti, akkasuma qachoota Filisxeemiitii fi worra si tuffatan ka naannaya isaanii jiran maraa biratti ta itti baldan taateerta. Ati haala baduu keetii fi hujii hamaa nama jibbisiisu waan hojjatteef adabamuu si barbaachisa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Jecha abdi'ii ka ani sii kenne tuffattee waadaa kiyya waan diiddeef adabbii si barbaachisu sii kenna. Garuu ani waadaa hennaa ati ijoolle'ee si woliin gale hin qaabadha; si woliin waadaa kiyya baraa haga bara baraa gala. Hennaa ani intallan haateetii ta hangafaatii fi ta maandha'aa fuudhee akka ijoollee teetiititti sii kenne jireenna kee ka durii qaabattee saalfatta; garuu wonti kun ta'u akkaataa waadaa sii galeetiinii miti. Ani si woliin waadaa kiyya hin haarawoomsa; ati hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beetta. Ani wonti waan kana godhuuf yakka hojjatte maraafuu hennaa sii araarame akka ati hujii kee qaabattee naatee saalfattee cadhiftuuf» ka waan kana dubbate Rabbii maraa oliiti. Rabbi akkana naan jedhe, «Ilma namaa! worra Israa'eliititti hibboo hibbifadhu mammaakaan isaanii ibsi; Achiin maayessa biyya Israa'elii keessaa sanyii fuudhee hulee mishaa bisaan argata'aa itti guddatutti dhaabe. Biqiltuun sun guddatee uduu lafa irraa ol hin fagaanne dhaaba woyini'ii ka guddisee lalise ta'e; dameen isaa gara allaattii sanii ol guddatan; hiddi isaa lafa jala gad seene; biqiltuun woyini'ii sun dame'ee fi baala hedduu baase. Akkasuma allaatiin bajja jedhamu ka biraa ka koola gugurdaa qabuu fi baallii hedduu qabu guddaa tokkotu ture; ammallee biqiltuun woyini'ii hidda ufiitii fi damee ufii gara allaattii sanii badhise; wonti inni waan kana godheef akka hulee itti dhaabe sanitti bisaan obaasuuf. Biqiltuun woyini'ii sun guddatee akka barbaachisutti lalisee daraaraa mishaa akka daraaru huleen mishaan bisaan gayaa itti argatu hin jira. «Rabbiin maraa olii akkana jedha jedhii isaanitti himi; biqiltuun woyini'ii ka dhaabame kun biqilee lafa qabataa? allaattiin duraa hidda isaa buqqisee akka daraaraan isaa shamuu fi akka gogu akkasuma baalli isaa ka lalise akka quuru hin godhuu? hidda isaa buqqisu'uuf meeshaa woraanaa jabaa yookaan loltuu jabaa isa hin barbaachisu. Biqiltuun woyini'ii dhaabameera; eeganaa inni biqilee lafa qabatee guddachuu danda'aa? hennaa bubbeen lafa gammoojji'ii jabaan isatti bubbise uduma hulee itti dhaaban san jiru sirima hin goguu? Rabbi akkana naan jedhe, «Mee yoo ka hiikkaa mammaakaa beekanii worra dhibaa kana gaafadhu; akka mootichi Baabiloonii gara Yerusaalemii dhufee mooti'ii fi abboota murti'ii gara Baabiloonii fide isaanitti himi. Inni maatii mootichaa keessaa nama tokko fuudhee isaan wolii galee akka inni isaaf amanamu kassiise; namoota biraallee worra beekkaman fudhate. Inni wonti waan kana godheef mootummaan Yihuuda'aa gara laafumma'aa fi isaa ajajama'aa waadaa isaan wolii galeen jabaatee akka dhaabatuuf. Mootiin Yihuuda'aa garuu didee akka farado'oo fi loltoota jajjabaa fidaniifiif worra dhaamsa geessan gara biyya Misirii erge; eeganaa karoorri isaa kun hin ta'aafii? waan kanaan miliqee jalaa bayuu danda'aa? yoo ka wolii galtee diigu ta'e adabbii jalaa hin bayaa? Ani Rabbii maraa olii Waaqa jiraataa waan ta'eef sababaa mootichi kun waadaa mootii Baabiloonii ka teessoo ulfinnaa irra ta'e waan diigeef Baabilooniin keessatti du'a. Hennaa worri Baabiloonii namoota ajjeesu'uuf boyii qotanii biyyee ol tuulanii kushee ijaartan, mootiin biyya Misirii loltoota ufiitii fi duultota ufii woliin dhufee lolaan isa gargaaruu hin danda'u. Inni kakuu san tuffatee waadaa isa woliin gale diigee haga harka kennateen maayessa waan kanniin waan godheef jalaa bayuu hin danda'u» naan jedhe. Kanaafuu Rabbiin maraa olii «Ani waan jiraataa ta'eef inni waan kakuu naa kakate tuffatee waadaallee waan diigeef kakuun sun akka isa irra gawu godha. Ani woshaadoo isa qabu isa jalatti badhisee akka inni isaan qabamu godha; inni waan na ganeef ani gara Baabiloonii isa fidee isatti murteessa. Loltoonni isaa filatamaan dirree woraanaatitti dhuman; worri du'a jalaa hafan garuu hulee gara garaatitti bittinnaayan; hennaa san ka waan kana dubbate akka ana Rabbiin ta'e beettan.» Rabbiin maraa olii akkana jedha; «damee muka Libaanosii irraa haafa tokko fuudha; isa irraallee luxuu muree anumti gaara guddaa irratti dhaaba. Huleen ani isa itti dhaabu gaara guddaa Israa'eliin keessa jiru irratti; ani wonti waan kana godhuuf akka inni damee baafatee daraaraa daraaree akka muka Libaanosii ka bareede ta'uuf; isa jala simbira gara garaatitu jiraata; gaaddisa haafa isaa jalatti uumama koola qaban maratuu maandhee ijaarata. Mukkiin lafa irra jiran maruu akka ani Rabbiin ta'e beekan; ani mukkiin dhedheeraa hin gaggabaabsa; mukkiin gaggabaabaa garuu akka ol dheeratanii guddatan godha; ani mukkiin lalise hin gossa; mukkiin goggoge hin lalisiisa; Ani Rabbi waan kana dubbadhe; waan hin godha jedhe maraa hin raawwadha» Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Mammaanni worra Israa'eliititti deddeebi'ee mammaakamu kun maali'i? isaan maatiin daraaraa woyini'ii dhangaggaayaa nyaatan; garuu ilkaan ijoollee isaanii diilalleesse» jedhan. Ani waan jiraataa ta'eef mammaaka kana deebitanii Israa'eliin hin dubbatinaa'a; ka waan kana dubbate ana Rabbii maraa oliiti. Lubbuun nama maraatuu tiyya; lubbuun maati'iitii fi ta ijoolle'ee tiyya akka taate beekaa'a; namni cubbuu hojjatu hin du'a. Namni balchaa, ka dhuga'aatii fi nama sirrii yoo ta'e, Waaqolee tolfamaa Israa'eliitii hin sagadu; yookaan waan nyaatan ka hulee dhooggametti qophaaye kamiinuu hin nyaatu; haadha manaa nama biraatitti hin dhaqu; yookaan dubartii garaa argitettillee hin dhaqu. Eennuunillee gad hin qabu; waan qabdii fudhate hin deebisa; hin saamu; ka beelaye hin nyaachisa; ka daare hin uwwisa. Qarshii ufii dhalaan hin liqeessu; yookaan dhala guddaa hin fudhatu; waan hamaa hojjachuu irraa uf eega; worra gado'oo dhugaa muree araarsa. Namni akkanaa kun seera kiyya raawwata; ajaja kiyyallee hin kabajja; namni sun balchaa waan ta'eef lubbu'uun jiraata; ka waan kana dubbate ana Rabbii maraa oliiti. Namni kun garuu ilma nama ajjeessuu fi yakka kanniin keessaa ka tokko raawwatu yoo qabaate, abbaan isaa yoma yakka kanniin keessaa tokkollee waan hin raawwanne yoo ta'e, ilmi isaa gaarran irratti waan waaqolee tolfama'aaf qalame yoo nyaate, yoo haadha manaa namaatitti dhaqe, yoo hiyyeeyyi'ii fi rakkattoota rakkise, yoo saame, qarshii liqeessee waan qabdii qabate san yoo hambifate, hulee worri ormaa itti sagadutti waaqolee tolfamaa yoo waaqeffate, yoo waan nama jibbisiisu hojjate, Yoo qarshii ufii dhalaan liqeessee bu'aa guddaa fudhate namni akkanaa kun lubbu'uun jiraachuu danda'aa? inni sirima lubbu'uun jiraachuu hin danda'u; waan jibbisiisaa kanniin maraa waan hojjateef dhugamaan inni hin du'a; waan du'eef ufumaa itti gaafatama. Garuu namni kun uduu ilma dhiiraa ka biraa qabaatee cubbuu abbaan hojjatu maraa argee isa faanaa hin deemne, waaqolee tolfamaa worra Israa'eliitii yoo hin saganne yookaan nyaata hulee ciinca'aa ka itti sagadan ka dhooggame yoo hin nyaanne, yoo haadha manaa nama biraatitti hin dhandhe, Yoo eennuunillee gad qabuu baate, yookaan yoo qabeenna namaa hin saamne, yoo qarshii liqeessee qabdii qabate san hambifachuu baate, yoo ka beelaye nyaachise, yoo ka daaretti uwwise, yoo hiyyeeyyii hin dhiibne, qarshii ufii dhalaan liqeessee yoo dhala guddaa hin fudhanne, yoo seera kiyya kabajje, yoo ajaja kiyya hordofe, namni akkanaa kun dhugamaan lubbu'uun jiraata malee sababaa cubbuu abbaan isaa hojjateef hin du'u. Abbaan isaa waan nama saamee obboleessa ufiillee saamee waan banii keessatti waan mishaa hin hojjanneef inni yakka ufiitiin du'a. Eeganaa mucaan sababaa cubbuu abba'aatiif wonti hin adabamneef maali'i? jettan ta'a; mucaan waan qajeela'aa fi waan mishaa hojjateera; seera kiyya kabajjeera; kanaaf inni dhugamaan lubbu'uun jiraata. Namni du'uun isa barbaachisu nama cubbuu hojjatu calla'a; mucaan cubbuu abbaa ufiitiif hin adabamu; abbaanillee cubbuu mucaa ufiitiif hin adabamu; namni mishaan mishummaa ufiitiif gatii argata; namni hamaan hammeennuma ufiitiin adabama. Namni hamaan yoo cubbuu hojjachuu dhiisee yoo seera kiyya eegee waan qajeela'aa fi waan mishaa hojjate dhugamaan lubbu'uun jiraata malee inni hin du'u. Inni waan qajeelaa waan hojjateef cubbuun isaa maruu dhiifameefii lubbu'uun jiraata. Ani du'a nama hama'aatitti waan gammadu seetanii? wa'a; namni ani itti gammadu nama cubbuu irraa aagii galee lubbu'uun jiraatu jedha Rabbiin maraa olii. Garuu namni mishaan waan mishaa hojjachuu dhiisee yoo waan hama'aa fi ka nama jibbisiisu hojjachuu jalqabe inni waan lubbu'uun jiraatu seetanii? wa'a! sirimaa hujiin mishaan inni hojjate maruu hin laallamuuf; inni waan amanamaa hin taaneef nama cubbamaa waan ta'eef hin du'a. Isin yoo akkana ta'e wonti Rabbi godhu sirri'ii miti jettan ta'a; isin worri Israa'elii waan ani jedhu dhagayaa'a; wonti ani godhu maruu akka waan sirrii hin taane seetanii? garuu ka sirrii hin taane karaa jireenna keessaniiti. Namni qajeelaan waan mishaa hojjachuu dhiisee yoo waan badaa hojjatee du'e sababama cubbuu ufiitiin du'a. Akkasuma namni hamaan cubbuu hojjachuu dhiisee waan qajeela'aa fi hujii dhuga'aa yoo hojjate lubbuu ufii hin oolfata. Wonti inni godhu maruu duwwaa akka ta'e beekee cubbuu hojjachuu waan dhiiseef dhugamaan inni lubbu'uun jiraata malee hin du'u. Isin worri Israa'elii garuu wonti Rabbiin maraa olii godhu sirri'ii miti jettan; eeganaa isin hujiin kiyya waan sirrii hin taane seetanii? ka sirrii hin taane garuu karaa jireenna keessaniiti. Ammallee ani Rabbiin maraa olii wonti isin worra Israa'eliitiin jedhu kana; ani hujii hamaa keessaniif isin maraa hin adaba; kanaafuu hammeenna hojjattan irraa deebi'aa'a; yoo kana hin taanee cubbuun keessan isin balleessaa. Hujii hamaa keessan maraa dhiisa'aatii hafuuraa fi onnee haarawa qabaadhaa'a; isin worri Israa'elii maaf duutan? Ani akka eennullee du'u hin barbaadu; kanaafuu isin maruu cubbuu irraa deebi'aatii lubbu'uun jiraadhaa'a; » ka waan kana dubbate Rabbii maraa oliiti. Rabbi faaruu booyaa akka abboota murti'ii ka Israa'eliitiif faarsu natti hime; Haati tee leencan keessatti akka leenca dhala'aa jirti! isiin leencan darmii keessatti boona'aa ilmoolee ufii guddifatte. Ilmoolee ufii keessaa tokko kunuunsitee guddiftatte inni darmii ta'ee dhadhooluu baratee nama nyaachuu jalqabe. Baniin isatti iyyee boolla ufii qotan keessatti isa qaban; funyoo funyaanitti godhanii harkisa'aa gara biyya Misirii fidan. Isiin akka karoorri isi'ii hin taane argitee hennaa abdii kutte ilmoolee ufii keessaa ka biraa tokko fuutee kunuunsitee guddiftee leenca darmii goote. Inni leenca kaawwan woliin deemuu jalqabee leenca darmii ta'e; dhadhooluu baratee nama nyaachuu jalqabe. Kushee isaanii hin caccabse, qachoota isaaniillee hin diige; hennaa inni aaddu namoonni biyyattii keessa jiraatan maruu hin soda'aan hollatan. Baniin maruu hulee maraa dhufanii isatti ka'anii woshaadoo isa jalatti badhisanii boolla ufii qotan keessatti isa qaban; Haadaan isa qabanii mana siibo'oo keessa isa kaayan; gara mootii Baabilooniillee hin fidan; akka laagaan isaa lammata tulloota Israa'elii irratti hin dhagayamne mana hidha'aa isa galchan. Haati tee akka biqiltuu woyini'ii ka bisaan biratti dhaabaniiti; isiin sababaa bisaan gayaa argatteef biqiltuu woyini'ii ka dame'ee fi daraara'aan guuttamte taate. Dameen isi'ii waan jajjabaa ta'eef, haga uleen mootummaa irraa argamutti guddate biqiltuun woyini'ii bosona jaamaa caalaa guddate; ol dheeratee damee hedduu kaawwan woliin mudhate. Garuu dheekkamsaan hiddaan buqqa'ee lafatti gad kufe; bubbeen lafa gammoojji'ii ka gara baya biiftu'uutii ka'u isa gosse; daraaraan isaallee hin harca'e; dameen isaa jajjabaanillee gogee ibiddaan gubate. Amma garuu hulee bisaan hin jirre lafa gammoojji'ii keessatti dhaabame. Jirma biqiltuu woyini'ii keessaa ibiddatu baye; dame'ee fi daraaraa isaa maraa ibiddatu gube; dameen isaanii lammata waan hin jabaanneef ulee mootumma'aa ta'uu hin danda'an; eeganaa faaruun gaddaa ka irra deddeebi'anii faarfatan kana; innillee booyaaf nama fayyada. Baqannee woggaa torbeesso'oo ji'a shaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti bulchoota Israa'elii keessaa namoonni hagoon fedha Rabbii nagaafachu'uuf dhufanii na afoo taa'an. Hennaa san Rabbi akkana naan jedhe, «Ati ilma namaa! waan ani Rabbiin maraa olii banii kanaan jedhu isin fedha kiyya na gaafachu'uuf dhuftanii? Ani waan jiraataa ta'eef woma tokkollee akka isin na gaafattan isinii hin eeyyamu; ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera; jedhii banii kanniinitti himi. Ati ilma namaa! ati namoota kanniinitti hin murteessitaa? eeganaa waan hamaa abboonni isaanii hojjatan akka beekan isaan taasisi. Ati isaaniin Rabbiin maraa olii, ‹Ani hennaa Israa'eliin filadhe biyya Misirii keessatti fiixaa Yaaqoobiititti uf beessisee waadaa isaanii gale, ani Rabbi Waaqa keessan› isaaniin jedhe. Ani biyya Misiriitii isaan baase, biyyi ani isaanii filadhe ta Aannanii fi dammaan duroomte, isiin biyya adunya'aa maraa caalaa bareeddi; akka biyya sanitti isaan galchu yoo san waadaa isaanii gale. Ani isaaniin isin maruu fakiiwwan ijji teessan irra jirtu balleessa'a, waaqolee tolfamaa biyya Misiriitiinillee uf hin batteessinaa'a; ka waan kana dubbate ana Rabbii keessan› isaaniin jedhe. Isaan garuu worra dhibu ta'an malee na dhagayuu hin barbaanne; fakiiwwan nama jibbisiisu ka ijji isaanii irra jiru hin balleessine; waaqolee tolfamaa biyya Misirii waaqeffatuu hin dhiifne, kanaafuu hennaa isaan biyya Misirii jiran balaa isaanitti buusuu yaadee ture. Garuu banii isaan woliin jiraatan afo'otti akka biyya Misiriitii isaan baasu worra Israa'eliitii waadaa galee ture; kanaafuu akka maqaan kiyya hin tuqamne akka isaan biyya Misiriitii bayan isaan taasise. Kanaafuu biyya Misiriitii isaan masakkee gara lafa gammoojji'ii isaan fide. Worra ajajaman maraafuu seera akka isaan lubbu'uun jiraatan isaan taasisu isaanii kenne; ani seera ittiin jiraatan isaan barsiise. Ka isaan woyyoomsu akka ana ta'e akka beekan sambata kabajjuun isaanii ani isaan jiddu'utti malkata akka ta'u godhe. Worri Israa'elii garuu uduu lafa gammoojji'ii jiranuu na dhiban; seeraa fi haala jireenna kiyya ka hennaa ajajaman jireenna kennu cabsan; isaan sirima sambata batteessan; uduma isaan lafa gammoojji'ii san jiran lola kiyya isaan irratti buusee isaan balleessu'uuf yaadee ture. Garuu akka maqaan kiyya banii hennaa ani worra Israa'elii masakkee biyyaa isaan baasu na laala'aa turan afo'otti akka hin arrabamne waan kana maraa hin goone. Waan kana caalaa lafa aannanii fi damma baaftu ta biyya adunya'aa maraa caaltu isaanii kenna jedhee waadaa isaanii galee ture; achiin maayessa garuu uduma isaan lafa gammoojji'ii jiran akka achi isaan hin galchine mirkaneessee isaanitti hime. Sababaan ani murtii kana murteeffadheef waan isaan onnee ufiitiin gara waaqolee tolfama'aa deebi'anii, seeraa fi ajaja kiyya diiganii sambata waan batteessaniif. Kun maruu ta'ee ani garaa isaanii laafe, isaan hin balleessine; lafa onaatittilee sirima isaan hin findhe. Ani ijoollee isaaniititti seera abboonni teessan ta durii baafatanitti hin bulinaa'a; akkaataa jireenna isaanii hin hordofinaa'a; yookaan waaqolee tolfamaa isaaniitiin hin battaayinaa'a. Ani Rabbi Waaqa keessan; ajaja kiyya eegaa'a; seera kiyyaafillee ajajamaa'a. Waadaa ani isinii galee akka malkata ta'u akka ani Rabbi Waaqa keessan ta'e akka isin qaabsisu guyyaa sambataa woyyoomsaa'a. Garuu ijoolleen teessan na didde, seera yoo ajajaman jireenna namaa kennu hin cabsan; seera kiyya hin eenne; sambatallee hin batteessan; uduu isaan lafa gammoojji'ii san jiran isaaniin lolee isaan maraa balleessu'uuf yaadee ture. Garuu maqaan kiyya banii ani hennaa worra Israa'elii biyya Misiriitii baasu argan biratti akka hin arrabamne waan kana hin goone. Kana caalaa banii biyya gara garaa keessa akka isaan bittinneessu uduma isaan lafa gammoojji'ii jiran kakadhee mirkaneessee isaanitti hime. Ani wonti waan kana godheef waan isaan seera kiyya diiganii, akkaataa ani jireenna isaanii kennee waan hin hordofneef sambata batteessanii waaqolee tolfamaa abboota isaanii ta durii waan waaqeffataniif. Achiin maayessa seera mishaa hin taanee fi ajaja isaan ittiin jiraachu'uunii hin dandeenne isaanii kenne. Yoo isaan ijoollee ufii ta hangafaa ciincaa isaan irraa hin fudhatamne dhiyeessanii uf batteessanillee ittuma dhiise, wonti ani waan kana godheef ka isaan adabu akka ana Rabbiin ta'e haa beekani'iif. Eeganaa ati ilma namaa! waan Rabbiin maraa olii jedhu worra Israa'eliititti himi; abboonni isaanii na gananii waan kanaan na uggan. Lafa isaanii kennu'uuf waadaa isaanii galetti isaan galche; isaan garuu tulluuwwan gugurda'aa fi mukkiin lalisaa hennaa argan kanniin maraa irratti ciincaa dhiyeessan; isaan ciincaa ciinceessaniin hixaana urgaayee mi'aawuu fi kennaa ciinca'aaf ciincessan ka dhuganiin na aarsan. Ani tulluuwwan isin itti deemtan kunniin maali'i?› jedhee isaan gaafadhe; huleen kunniin haga adhaa tulluuwwan gugurdaa jedhaman. Ammallee waan ani Rabbiin maraa olii jedhu banii Israa'eliititti isin akkuma abboota teessan ta durii uf batteessa'aa waaqolee tolfamaa isaanii ka nama jibbisiisu waaqeffata'aa maaf dogoggortan? Isin adhallee kennaa wol fakkaatu kennitan; ijoollee teessan ibiddatti ciincessa'aa waaqolee tolfamaa durii sanniiniin uf batteessitan; haga waan kanniin maraa gootaniin maayessa isin worri Israa'elii feeti kiyya maal akka ta'e na gaafachu'uuf dhuftan; ani Rabbiin maraa olii dhugamaan jiraataa waan ta'eef akka waan tokkollee na gaafattan isinitti hin dhiisu! Isin akka banii kaawwanii yookaan akka banii mukaa fi dhaga'aa sagaduu, akka orma biyya biraa jiraatuu ta'u'uuf murteeffattaniirtan; garuu wonti kun sirima hin ta'u› jedhii himi» naan jedhe. Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ani waan jiraataa ta'eef dhugamaan baallii kiyyaan hunnaa fi lola kiyya maraan isinitti ka'a. Ani biyya isin itti bittinnooftanii fi banii maraa keessaallee wolitti isin qaba; wonti wolitti isin qabuun hunna, baallii kiyyaa fi lola kiyyaan. Gara lafa gammoojjii banii maraa jedhamtee waamamtuu isin fida; achitti uduu ijji teessan argitu isinitti murteessa. Akkuma gammoojjii biyya Misiriititti abboota keessanitti murteesse isin irrattillee hin murteessa jedha; ka waan kana dubbate ana Rabbii maraa oliiti. Ani baallii kiyya jala isin taasisa; gara waadaa kiyyaa ka isin giddisiisuu isin fida. Worra dhibuu fi worra na yakkan maraa isin keessaa balleessa; biyya amma keessa jiraata'aaran keessaallee isaan baasa; garuu akka isaan gara biyya Israa'elii deebi'an sirima isaanitti hin dhiisu; hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beettan. Isin banii Israa'elii! Rabbiin maraa olii waan keessaniif akkana jedhe; amma ta'ee'e uf afoo yoo ka na hin dhageenne ta'e isin maruu deema'aa waaqolee tolfamaa keessan waaqeffadhaa'a; ammaa achi ani maqaa kiyya woyyuu akka isin waaqolee tolfamaa keessanii fi kennaa keessaniin xureessitan isinitti hin dhiisu. Garuu ana Rabbii maraa olii biyya maraa keessatti, gaara woyyuu kiyya irratti worri Israa'elii na waaqeffatan jedha; achitti isin fudhadha; akkasuma achitti kennaa keessan misha'aa fi kennaa meeshaa woyyoome isin irraa eeggadha. Hennaa hulee isin itti bittinnooftan banii biyya gara garaa keessaa yaasee wolitti isin qabu akka hixaana urgaayuutitti isin fudhadha; uduu baniin biraa isin argan isin jiddu'utti woyyummaa kiyya mudhisa. Hennaa lafa akka abboota teessanii kennu waadaa isaanii gale gara biyya Israa'elii isin fide akka ani Rabbiin ta'e beettan. Waan nama jibbisiisu ka hojjattaniif attamitti akka ufillee batteessitan hennaa san hubattan; waan hamaa hojjattan maraafuu uf jibbitan. Isin banii Israa'elii! akka jireenna keessan bada'aatii fi akka hujii keessan hamaa uduu hin taane waan ulfinna maqaa kiyyaatiif jedhee ka isinii raawwatu akka ana Rabbiin ta'e beettan. Rabbi akkana naan jedhe, «Ati ilma namaa! fuula kee gara kibbaa naannessii raaga dubbadhu; bosona gara kibbaa jiru irrattillee raaga dubbadhu. Bosona gara kibbaatiin waan ani Rabbiin maraa olii jedhu dhagayi jedhii itti himi; laali ani kunoo si keessatti ibidda bobeessa'aara; ibiddi kun mukkiin lalisa'aa fi goggogaallee uduu hin filanne maraa guba; ka ibidda san dhaamsuu danda'u sirima hin jiru; kibbaa ka'ee haga kaabaa hin bobaya; waan kara'atti arge maraa hin guba. Ani Rabbi akka bosona bita'aatitti ibidda qabsiisee fi eennullee dhaamsuu akka hin dandeenne namni maruu hin arga» naan jedhe. Ani garuu «Rabbii maraa olii! namni maruu ‹inni hennaa maraa mammaakaan barsiisa› jedha'aa gururi'anii maal naa woyya?» jedhe. Rabbi akkana naan jedhe, «Ati ilma namaa! fuula kee gara Yerusaalemii deebisii hulee isi'ii ka woyyoomee fi biyya Israa'eliititti raaga dubbadhu. Ati akkana jedhiin! Ani sitti ka'eera; guraadee qola keessaa luqqifadhee cubbamtootaa fi qulqullootallee isin keessaa balleessa. Si keessaa worra cubbamtootaatii fi qajeellota fixu'uuf worra kibbaa haga kaabaa jiran maraa irratti guraadee kiyya luqqifadha. Ani Rabbi akka guraadee kiyya luqqifadhee fi akka deebi'ee qolatti hin deebifanne namni maruu hin beeka. Kanaafuu ati isaan afo'otti onnee cabee fi gadda gudda'aan worwaadhu! ati ilma namaa! worwaadhu! Maaf worwaatta? jedhanii yoo si gaafatan, waan oduu dhufuutiif isaaniin jetta; oduu saniin onneen maruu hin baqa; harki maruu hin hadooda; namni maruu nunna ta'a; jilbi maruu hin laamshaya; kunoo oduun sun dhufa'aara; dhugamaan hin raawwata; jedha Rabbiin maraa olii. Rabbi akkana naan jedhe, «Ati ilma namaa! raaga dubbadhu; waan ani Rabbi jedhu banii kanatti himi; guraadee qaramee qulqullaaye! Ka woyiin ajjeesu'uuf qarame akka bakakka'aatitti haa falaqqisuuf qulqullaaye; baniin kiyya adabbi'ii fi seera ani isaanii kennetti waan lash jedhaniif ammaa achi gammachuu hin qaban. Guraadeen qulqullaayee akka harkatti qabataniif qulqullaayeera; nama waa ajjeesutti qaramee qulqullaayee kennamu qophaayeera. Ati ilma namaa! gadda'aa iyyi; wonti guraadeen kun qophaayeef banii kiyyaa fi bulchoota Israa'elii fixu'uuf isaanillee banii kiyya ka hafe woliin dhuman kanaafuu gadda'aa qoma kee uf tumi. Ani banii kiyya qora; yoo aagii galuu didan wonti kun maruu isaan irra gaya; Ani Rabbi Gooftaan waan kana dubbadheera. Ati amma ilma namaa! raaga dubbadhu; lola'aa harka kee woliin dhayi; guraadeen guraadee mirmirfama'aa nama ajjeesu; ka nama shibbireessuu fi goorra'u. Baniin kiyya sodaatanii sakaallamanii kufan; ani guraadee akka bakakka'aa falaqqisu ka ajjeecha'aaf qophaaye balbala isaanii afoo kaayeera. Ati guraadeen qaramte! gara qarri kee itti qajeele bita'aa fi mirgaanuu mummuri! Anillee lolaan harka kiyya woliin dhaya; aariin kiyya guddaanillee naa caba ani Rabbi waan kana dubbadheera.» Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ati ilma namaa! karaa lamaan mootiin Baabiloonii guraadee qabatee dhufuun kaati karaa lamaaniituu biyya tokko; hulee karaan lamaan itti wol qaxxaammurutti malkata gara qachatti'ii mudhisu itti dhaabi. Worra loltootaatiif Raabaa qachattii worra Amoorotaa gubba'aa fi akkasuma karaa Yerusaalemii qachaa Yihuuda'aa ta ijaaramte fidu irratti malkata godhi. Mootiin Baabiloonii qaxxaammura karaa lamaanii ladda dhaabata; karaa kamiin deemuu akka isa barbaachisu beeku'uuf eboowwan ufii darba; waaqolee tolfamaa ufiillee mala gaafata; moora horii ciinca'aaf qalamee fuudhee laala. Harki isaa ka mirgaa barreeffama ‹Yerusaalem!› jedhu fuudhee qabata; inni nama dhaqee waan kushe'een diigan akka qopheessu dhaaduu lolaaf nama qopheessu waan kushe'een diigan akka gara balbalaa dhiyeessu akka biyyee tuulee ijaaruu fi akka kushee marsaniin ijaaru hima. Namni maruu worra Baabilooniitii amanamaa ta'u'uuf waan waadaa galeef eennullee wonti kun hin raawwatama jedhee ka amanu hin turre; mootiin Baabiloonii hennaa isaan booji'u garuu cubbuu isaanii isaan qaabsisa. Eeganaa wonti ani Rabbiin maraa olii jedhu kana; cubbuun keessan ifa bayeera; akka isin yakkamtoota taatan namni maruu hin beeka; isin waan gootan maraanuu akka cubbamtoota taatan mudhiftan; kanaafuu booji'amtanii deemtan. Ati bulchaan Israa'elii hamaanii fi badaan! guyyaan dhumaa ka ati itti adabamtu kunoo dhiyaateera. Ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheeraa; gulloo ulfinnaa kee mataa irraa baafadhu! marata keellee mata'aa baafadhu; wonti maruu akka jirutti hin hafu; worra baallii qabu ka gad aanu ol guddisii worra amma bulcha'aaran gad deebisi! Balleessa'a! balleessa'a! ee ani dhugamaan akka qachattiin baddu godha; garuu haga ani qachattiin akka adabuuf filadhe dhufutti kun hin ta'u; hennaa san qachattii tana dabarsee isatti kenna. Ati ilma namaa! raaga dubbadhu; waan worra Amooniitii fi waan arraba isaanii dubbiin ani Rabbiin maraa olii jedhu akkana jedhii isaanitti beessisi; guraadeen waa balleessu qophaayeera; akka bakakkaa falaqqisuu ajjeecha'aa fi balleessu'uuf qulqullaayeera! Mudhanni isin argitan soba; raanni isin raaddanillee kijiba; isin worra hama'aa fi battaaya'a; guyyaan dhumaa ka isin itti adabamtan dhiyaateera; morma keessanitti guraadeen agaamameera. Guraadee qolatti deebisaa'a! biyyuma itti dhalattanii guddattanitti isinitti murteessa. Hunni dheekkamsa kiyyaa akka ibidda bobayeetitti isin irratti bu'a; namoota garaa jabaatanii waa balleessuu beekanitti dabarsee isin kenna. Isin ibiddaan baddan; dhiinni keessan biyyuma keessanitti jiga; ka deebi'ee isin qaabatu hin jiru; » Rabbi waan kana dubbateera. Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ati ilma namaa! ati qachaa namoonni nama ajjeesan keessa guutanitti murteessu'uuf qophooftee? eeganaa waan isiin raawwatte ka nama jibbisiisu maraa ifa baasii itti mudhisi. Ani Rabbiin maraa olii wonti qachattii tanaan jedhu worra si keessa jiraatan maraa waan ajjeeftee fi waaqolee tolfamaa waaqeffata'aa waan uf batteessiteef hennaan ati akka badduuf murtaaye dhiyaateera. Waan nama ajjeefteef yakkamtuu taateerta; waaqolee tolfamaa ufii hojjatteen battoofteerta; kanaafuu hennaan ati itti baddu dhiyaateera! ka waan kana ariifachiisellee sima; akka baniin sitti baldu, akka biyyi maruu si tuffatanii akka sitti baldan wonti godheefillee sababaa kanaaf. Ati qachaan raafamtuun maqaan si bade biyyi fago'oo fi dhiyoo jiru maruu si tuffatanii sitti baldan, Bulchoonni Israa'elii ka si keessa jiraatan maruu akkuma baallii ufiitiin yakka ajjeecha'aa raawwatan. Si keessatti haawwonninii fi abboonnillee hin tuffataman; baniin biyya biraa hin sobaman; dubartoonni abbaan manaa jalaa du'anii fi ijoolleen abba'aa fi haadha hin qabne hin miidhaman. Waan naaf woyyoome maraafuu kabajjaa hin qaban; sambata kiyyallee hin batteessitan. Isin keessaa namoonni gari gariin namoota biraa ajjeessisu'uuf soba dubbatan; gariin ammo waan waaqolee tolfama'aatiif ciincaye nyaatan; gari gariin dharraa foon ufiitiin nadha bayu'uuf ariifatan. Gari gariin masaanuu haadha ufii bira gayee siree abbaa ufii batteessa; gari gariin dubartii garaa argiteetti giddi'iin dhaqan. Gari gariin haawwota manaa ollaa ufii woliin seebaran; gari gariin haadha manaa ilma ufii bira gayan; akkasuma gari gariin obboleeyyan ufii batteessan. Banii kee keessaa namoonni gari gariin qarshii nama irraa fudhata'aa nama ajjeesan; gari gariin worra ufii worra Israa'eliititti dhalaan liqeessan; isaan saama'aa seera malee durooman; sirima na dhiisaniiran» ka waan kana dubbate Rabbii maraa oliiti. Ani saamichaa fi nama ajjeesuu keessan harka isinitti kaasee morma. Ani hennaa isin adabu uggitanii na jala dhaabattanii? yookaan uf irraa na dhooggu'uuf waan hunna argattan seetanii? Ani Rabbi waan kana dubbadheera; waan dubbadhe hin raawwadha. Banii kee biyyaa fi banii gara garaa keessa bittinneessa; hujiin hamaan keellee akka dhaabatu godha. Ormi biraa si salphisan; kanaaf ati akka ani Rabbiin ta'e beetta.» Rabbi akkana naan jedhe, «Ati ilma namaa! worri Israa'elii womaa na hin fayyadan; isaan anaaf akka bututaa birrii sibiilaa sibiila diima'aa qorqoorro'oo, akka sibiilaatii fi akka cilee dhaga'aati. Kanaafuu isaan akka albuuda laga jalaa waan ta'aniif isaan maraa wolitti qabee gara Yerusaalemii fida. Akkuma meetiin, sibiilli diimaan, sibiilli, cileen dhaga'aatii fi qorqoorroo wolitti qabanii waan isaan itti bassan keessa kaayanii akka baqaniif ibidda bobeessan anillee aarii kiyya gudda'aan wolitti isin qabee akka baxxan isin godha. Ee ani Yerusaalemitti wolitti isaan qabee ibidda bobeessee lola kiyyaan isaan bassa. Akkuma meetiin eelee irratti ibiddaan baquutitti isaanillee isii keessatti baqan; hennaa san isaan akka ani Rabbi lola kiyya guddaa isaan irratti buuse beekan» naan jedhe. Rabbi ammallee akkana naan jedhe, «Ati ilma namaa! ati lafti isaanii waan battoofteef lola kiyyaan akka roobni hin roobne godhee waan isaan adabu'uuf qophaayeef worra Israa'eliititti himi. Bulchoonni isaanii akka leencan busaayaa ufii ajjeesan irra aada'aa naannayaniiti; isaan banii gar jabeennaan ajjeesan; qarshi'ii fi waan argan maraa hin fudhatan; isaan ajjeecha'aan dubartii hedduu abbaa worraa dhabsiisaniiran. Gadoonni seera kiyya cabsan; waan woyyu'uufillee kabajjaa hin qaban; waan woyyuu waan battii irraa hin fooyan; waan qulqullu'uuf waan qulqulluu hin taane jidduu jiru hin barsiisan; sambatallee hin tuffatan; sababaa kanaaf baniin Israa'elii na hin kabajjan. Worri isaanii ka baallii qaban akka yeyyii busaayaa ajjeesan cicciraniiti; seera malee duroomu'uuf nama ajjeesan. Raattonni akka nama dhaaba manaa nooraa dibuutitti cubbuu kana maraa dhossan; sobaan mudhata argine jedhan; raaga kijibaa raagan, kun dubbii Rabbii maraa oliiti jedhan; garuu ani womaa isaanitti hin himne. Namoonni biyyattii sanii saama'aa nama harkaa waa fudhatan; isaan hiyyeeyyii, worra rakkatanii fi worra isaanitti gale murtii isaan jalaa dabsa'aa isaan miidhan. Ani uduu aarii kiyyaan biyyattii hin balleessineen dura nama dallaya qachatti'ii ka diiggame ijaaru ka anaa fi banii jidduu seenee aarii kiyya naa qabbaneessu barbaade; garuu eennuunillee hin argine. Kanaafuu ani lola kiyya guddaa isaan irratti buusa; lola kiyya jaba'aanillee isaan balleessa; yakka isaanii isaanumatti deebisa» ka waan kana dubbate Rabbii maraa oliiti. Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ati ilma namaa! intallan haadhaa lamaan ta haati takka deettutu ture. Isaan hennaa ka'imummaa isaanii biyya Misiriititti durbummaa ufii dhabanii salphatanii seebartoota ta'an. Isaan keessaa ta hangafaa Ohoolaa jedhamti; isiin Samaariya'a, ta maandha'aa ammo Ohoolibaa jedhamti; isiin Yerusaalem; ani isaan lachuu fuudhee ijoollee naa dayan. Ohoolaan haga ani fuudheen maayessallee seebara ufiillee hin dhiifne; jaalalaan worra Asoorii woliin seebaru'uuf guddiftee hawwite. Isaan abboota murti'ii gugurdaa ka uffata hamara uffatan, worra gugurdaa mootii jala hojjatan fa'a; isaan maruu ka'immanii fi worra faradoo babbareedaa qaban. Isiin seebartuu worri baallii qaban ka Asoorii itti fayyadamu; fedha fooniitiin gubachuun isi'ii akka waaqolee tolfamaa worra Asoorii waaqeffatu'uun uf batteessitu isii taasise. Isin biyya Misirii ta durbummaa ufii itti dhabdee seebaruu jalqabde hin dhiifne; hennaa durbummaa isi'ii irraa jalqabee dhiirri maruu isi'i akka nama seebaruutitti laalanii isii woliin seebaran. Kanaafuu worra isiin guddiftee barbaadu worra Asoorii ka jaalalloo isi'iititti dabarsee isii kenne. Isaan uffata isi'ii irraa mulqanii qullaa isii hambisan; ijoollee isi'ii ta dhiiraatii fi ta intalaa jalaa booji'an; isii garuu guraade'een ajjeesan; murtiin isii irratti raawwatame dubartoonni maruu waan isii irra gayeen oduu odeessuu jalqaban. Obboleettiin isi'ii Ohooliibaan itti hammaate malee hin sirroofne siri'ii Ohoolaa caalaa seebartuu taate. Isiinillee gama ufiitiin abboota murti'ii gugurdaa worra Asoorii loltoota uffata babbareedaa uffatan, ka'imman farda yaabbatan jaalattee dharraa fooniitiin maraatte. Ta lammeesso'oo tunillee hin battoofte; isaan lachuu karama tokko deeman. Isiin fakii sanniin argitee dharraa fooniitiin maraattee gara Baabiloonii hulee isaan jiraatanii dhaamsa ergite. Worri Baabiloonniillee isii woliin seebaru'uuf dhufan; isaan hennaa heddu waan isii batteessaniif isaan maraa jibbite. Isiin nafa qullaa raasa'atti baatee akka seebartuu taate; nama marattuu uf mudhifte; ani haguma obboleettii isi'ii jibbe isiillee jibbe. Isiin hennaa durbumma'aa ka hennaa biyya Misirii jirtu seebara'aa turte ammallee isuma hojjata'aa seebaruu baay'eessite. Qaamni isaanii akka qaama harre'ee, sanyiin isaanii akka sanyii fardaa worra dharraa fooniitiin maraatan jaalattee faana deemte. Ohooliibaa'a! ati akkuma hennaa durbumma'aan jirtuu dhiirti harma kee qaqqaba'aa durbummaa si irraa fudhatan san ammallee battummama san deebitee raawwachuu barbaadda. Ohooliibaa'a! ammallee ani Rabbiin maraa olii wonti siin jedhu kana; ati goshoota kee sanniin jibbiteerta; garuu ani akka isaan sitti ka'an godha; akka si marsaniif isaan as fida. Worra Baabilooniitii fi worra Kalaadaawotaallee hin fida; dhiira worra Faaqoodii, Shoo'a'aatii fi Yaqu'aanii, akkasuma worra Asoorii maraa as fida; abboota murti'ii ka'imman babbareeddanii fi ajajoota loltootaa, worri baallii qaban jajjabaan maruu faradoo yaabbatanii dhufan. Kunniin maruu konkolaataa fardaatitti dhalee ufii fe'atanii hunna jaba'aan duultota hedduun marfamanii karaa maraanuu sitti dhufanii balaa sitti buusan; isaan wonte'ee fi meeshaa lolaa ka mata'atti godhataniin uf irraa dhoogga'aa si marsan; ani murtii isaaniititti dabarsee si kenna; isaanillee akka seera ufiititti si adaban. Ani waan sitti aareef isaan siin lolanii akka barbaadan akka si godhan isaanitti dhiisa; isaan funyaanii fi gurra kee hin muran; worri si irraa hafan guraade'een ajjeefaman; ijoollee tee ta dhiiraatii fi ta intalaa booji'anii si harkaa fudhatan; worra si irraa hafe ibiddaan guban. Uffata kee maraa si irraa mulqan; faaya kee maraa hin fudhatan. Hujii kee ka seebaraatii fi waan nama saalfachiisu ka biyya Misiriititti hojjata'aa turte maraa akka dhiiftu godha; deebitee gara waaqolee tolfama'aa hin laaltu; waan biyya Misiriillee hin yaaddu. Wonti Rabbiin maraa olii jedhu banii ati jibbitutti dabarsee si kenna. Ati waan akkaataa jireenna obboleettii teetii hordofteef mijuu adabbi'ii ka isiin dhudde akka atillee dhuddu si godha.» Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ati mijuu obboleettii teetii dhudda; inni gudda'aa fi xiilla'a; ati ka namni maruu itti taphatuu fi itti baldu taata; mijuun kunillee guddisee mataa nama qaba. Ati machooftu'uu fi ta guddiftee gadditu taata; Ati mijuu badi'iitii fi diiggamuu Samaariyaa obboleettii teetiillee hin dhudda. Uduu womaa hin hambifne coongiftee keessaa fixxa; meeshaa mijuu sanii caccabsitee waan caccabe sanniiniin gadditee harma kee mummurta; Ani Rabbi waan kana dubbadhe.» Ammallee wonti ani Rabbiin maraa olii jedhu kana, «Ati waan na irraanfattee dudda natti galteef waan seebaraa fi sagaagala keetiitiif rakko'otu si irra gaya.» Rabbi akkana naan jedhe, «Ati ilma namaa! Ohoola'aa fi Ohooliibaa irratti murteessu'uuf qophoofteertaa? waan nama jibbisiisu ka isaan hojjatan ifa isaanii baasi. Isaan worra seebaranii fi worra lubbuu namaa ajjeesan; isaan waaqolee tolfamaa woliin seebaran; ijoolleen isaan ajjeesan ijoollee naa dayan; ijoollee tiyya ta dhiiraa waaqolee tolfama'aaf ciincessan. Yakki isaan raawwatan kana calla'aa miti; hennaa san mana kiyya hin batteessan; sambata kiyyallee hin diigan. Guyyaa ijoollee tiyya waaqolee tolfama'aaf ciincaa dhiyeessan gara mana woyyuu kiyyaa dhufanii batteessan; kunoo wonti isaan mana kiyyatti raawwatan kana. Dhiira heddu akka biyya fago'oo affeeranii isaanii fidaniif ergamtoota ergan; dhiirran isaan barbaadanillee hin dhufaniif obboleeyyan lachuu nafa ufii dhiqatan; ija kuulatan; faaya gara garaa godhatanii, Siree gaggabaabaa babbareeddan irratti isaan afoo taa'an; hixaanninii fi ejersi ani isaanii kenne uduu hin hafne waan mimmishaa maraa xarapheessaa irratti wolitti qaban. Laagaa wocaa heddutu naannoo isaanii jira; isaan woliin worra machaayu ka lafa gammoojji'iitii dhufantu jira; worri machaayu sunniin dubartoota sanniinitti harka isaaniititti laakkaa'a, mataa isaaniititti garuu gulloo ulfinnaa ka bareedu godhaniif. Ani garaa kiyya keessatti ‹Dhiirran kunniin dubartii seebaraan nafti isi'ii dhume woliin seebaranii?› jedhe. Akkuma dhiirran dubartoota seebaranitti dhaqan dhiirran lafa gammoojji'iitii dhufan sunniinillee dubartoota Ohoola'aa fi Ohooliibaa jedhaman woliin seebaran. Isaan waan seebaruu baratanii fi harki isaanii waan dhiigaan battaayeef worra seebaran sanniinii fi worra nama ajjeessan sanniinitti worri qulqullootaa hin murteessan. Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Isaan irratti worra isaan raasu kaasi; isaanillee saamichaa fi raafamu'utti dabarsii kenni. Worra isaan raasu san dhaga'aan haa dhayanii; guraade'een isaan haa mummuranii, ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa haa ajjeesanii, manniin isaaniillee ibiddaan haa gubanii, Akka isin obboleeyyan lamaan seebartan dubartoonni ammaa achi akka hin seebarre haala badanii adabamuun seebaru'uu akka lafa irraa badu godha. Ani waan isin obboleeyyan lamaan haala baddanii fi cubbuu waaqolee tolfama'aa sagadu'uun raawwattaniif isin adaba; hennaa san akka ani Rabbii maraa olii ta'e beettan.» Baqannee woggaa sagaleesso'oo ji'a kudhaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ati ilma namaa! guyyaan adhaa ka mootiin Baabilloonii Yerusaalemiin marsuu jalqabu waan ta'eef guyyaa kana galmeessi. Mammaaka ani Rabbiin maraa olii waan isaaniitiif mammaake kana banii dhibu kanniinitti himi; ‹Keree sibiilaa ibidda irra kaayii bisaan itti buusi; Gumaa foon harkaatii fi ka lukaa mimmishaa mummuri, lafee mimmishaallee caccabsii keessa kaayi. Tika hoolotaa keessaa hoolaa mishaa fuudhii qali; ibidda keree sibiilaa jala qoraan kaayi; haga foonii fi lafeen sun bilchaatutti affeeli.› » Rabbiin maraa olii qachaa worri nama ajjeesu keessa guutee hobbaas! isiin akka keree sibiilaa ta hin qulqulloofneetii fi ta sirima qulqullaayuu hin dandeennee taateerti; foon keree sibiilaa kana keessa jiru uduu hin filanne tokko tokkoon baasi. Qachattii keessatti nama ajjeesaniiran; dhiiga isaanii ka jissan lafa daara'aatii miti; garuu dhiinni isaanii ka jige dhagaa womaa isa hin dhossine irratti. Dhiinni isiin jissite akka hin dhokanne akka dhagaa womaa isa hin dhossine irratti akka jigu ka godhe akka guddisee haluu bayuuf jedhe. Kanaafuu Rabbiin maraa olii qachaa worri nama ajjeesu keessa guutee hobbaas! qoraan anuu eda'ee ibidda keessa kaaya. Qoraan heddu fuudhi; ibidda bobeessii foon affeeli; bisaan foonii urgooftuu gara garaatiin mi'eessi! lafee garuu gubi. Ati Yerusaalem! sagaagaluun kee si batteesseera; ani yoma si qulqulleessuu barbaadellee ati battummaa kee irraa hin qulqulloofne; hunni lola kiyyaa haga gara si galchuu ati hin qulqullooftu. Ani Rabbiin maraa olii hennaan waan tokko hojjadhu dhiyaateera; irraa uf hin dhooggu; garaa hin laafu; yaada kiyya hin jijjiiru; akka jireennaa fi hujii keetiitiin sitti murteessa jedha» jedhee dubbadheera. Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ati ilma namaa! haati manaa tee ta ati jaalattuu fi ta hennaa laaltu si gammachiiftu dimmaa qoomamtee si jalaa duuti; kanaan hin gaddin; imimmaan jissa'aa hin booyin. Gadditee hirqiffattee booyuu kee namni hin dhagayin; ta duuteef hin booyin; waa mata'atti maradhu; kophee kee miilatti godhadhu; afaan hin qabatin; buddeena gaddaa hin nyaatin.» Ani ganama namoota woliin dubbata'aa ture; gaafasuma galgala haati manaa tiyya duute; isiin duutee guyyaa lammeesso'ootitti akkuma inni natti hime godhe. Namoonni «Akkana godhuun kee nu woliin tokkummaa maal qaba?» jedhanii na gaafatan. Anillee akkana jedhee isaanii deebise, «Rabbi akkana jedhee natti dubbate. ‹Rabbi Gooftaan banii Israa'eliititti akkana jedhii dubbadhu naan jedhe; mana kiyya woyyuu dhaaduu ulfinna keessanii, abdii ija keessaniitii fi gammachuu onnee keessanii ta'e akka batteessitaniif isin dhiisa; ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa ta Yerusaalemitti hafan woraanaan dhuman. Hennaa san isin waan ani godhe maraa hin gootan; afaanitti hin marattan; buddeena gaddaa hin nyaattan. Waan mata'atti marattan hin mulqattan; kophee keessan lukaa baafattanii miila qullaa hin deemtan; hin gadditan, yookaan hin boottan, sababaa cubbuu keessaniitiif hin huqqattan; isin maruu woliin mari'ata'aa worwaattan. Akkaataa kanaan Hisqeel malkata isinii ta'a; waan inni godhe isinillee hin gootan› jedhee natti hime; hennaa wonti kunniin raawwatu akka ani Rabbii maraa olii ta'e beettan.» Rabbi akkana jedhe, «Ati ammallee ilma namaa! ani mana woyyuu ka isaan hennaa maraa yoo argan jaalatan ka bira dhaquu hawwan, ka dhaadataniinii fi ka guddisanii itti gammadan isaan irraa fudhadha; ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaallee isaan jalaa fudhadha. Ani guyyaa waan kana godhu badii san caalaa namni dhufee waan badii kanniin maraa sitti hima. Guyyama san dubbii armaan dura dubbachuu hin dandeenne dubbatta; ati isa woliin dubbatta; kunillee bani'ii malkata ta'a; isaanillee akka ani Rabbiin ta'e beekan.» Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ati ilma namaa! fuula kee gara Amoonotaa naannessii raaga isaanitti dubbadhu. Waan Rabbi gooftaan waan Amoonotaatiif jedhu dhagayaa isaaniin jedhi; Rabbiin maraa olii akkana jedha; akka manni woyyumma'aa kiyya battaayu hennaa godhan, hennaa biyyi Israa'elii ona taate, hennaa banii Yihuuda'aa booji'anii fudhatan hashu jettaniirtan. Waan kana maraanuu waan gammaddaniif gosa gara baya biiftu'uutii dhufuun akka marfamtan taasisa; isaan biyya keessan keessatti hulee loltoonni itti jiraatan ijaaratanii achi jiraatan; sanyii keessan isin jalaa nyaatan; aannaanillee hin dhugan. Qachaa Raaba'aa ta gaallan itti yaasan, biyya Amoonii maraa lafa hoolota itti tissan godha; akkaataa kanaan akka ani Rabbiin ta'e beettan. Wonti Rabbiin maraa olii jedhu kana; isin harka dhaya'aa lukaan lafa dhiita'aa biyya Israa'elii ija tuffi'iitiin laaltanii turtan. Waan kana waan gootaniif hunna kiyya isinitti mudhisa; akka baniin booji'anii isin fudhatan dabarsee isin kenna; deebitanii akka bani'iititti akka isin hin beekkamne haga taatanitti sirima isin balleessa; achiin maayessa akka ani Rabbiin ta'e beettan» jedhee natti dubbate. Rabbiin maraa olii Moo'aabii fi Eedoom Yihuudaan biyyoota banii biraatii addaa miti waan jedhaniif. Ani Beetishimiitii ba'aal jedhamtuu fi qachoota Qiriyaataayimii ka gurra dhagayan uduu hin hafne qachoota daangaa Moo'aabiititti eeggaman maruu akka diinaan badan taasisa. Ammaa achi Amoon akka mootummaa taatee hin beekkamne gofti biyya baya biiftu'uutii dhufan akka Moo'aabii fi Amooniin marsan godha. Ani Moo'aabiin hin adaba; isaan akka ani Rabbiin ta'e beekan» jedhe. Rabbiin maraa olii akkana jedhe, «Baniin Eedoomii Yihuudaa irratti haluu hamaa bayaniiran; waan kana waan raawwataniif yakkamtoota ta'aniiran jedha Rabbiin maraa olii. Kanaafuu amma akka Eedoomiin adabuu fi namootaa fi horii achi jiru maraa akka balleessu beessisa; qachaa Teemaanii haga qachaa Daadaanii akka ona ta'an godha; baniin lolaan dhuman. Ani Eedoomiin karaa banii kiyya Israa'eliitiin haluu baya; worri Israa'elii akka hunna kiyya jaba'aatitti worra Eedoomii haluu bayan; worri Eedoomii akka ani Rabbi haluu isaan baye hin hubatan; ka waan kana dubbate ana Rabbii maraa oliiti» jedhe. Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Worri Filisxeemii diinummaa hin banneen haluu bayaniiran; haluun badi'ii kun garaa hammeennaan guuttameen ture. Kanaafuu Rabbi Gooftaan akkana jedha; ‹Ani worra Filisxeemiititti hunna kiyya fayyadamee worra Biriitaawotaa fixa; worra qarqara galaanaa biratti hafanillee hin balleessa. Adabbii kiyya ka aarii kiyyaan guuttameen guddisee haluu isaan baya; adabbii isaan irratti fiduun akka ani Rabbiin ta'e beekan.› » Baqannee woggaa kudha tokkeesso'oo jalqaba ji'aa Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ati ilma namaa! wonti baniin qachaa Xiroosii jiran itti gammadan kana ‹Yerusaalem diiggamteerti! daldaluu dadhabdeerti; isiin ammaa achi waan nuun wol morkuu hin dandeenneef nu hin duroomna› jedhan. «Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha, ‹Xiroos! ani sitti ka'ee akkuma dambaliin galaana irratti ka'u banii kiyya heddu sitti kaasa. Dalloofni qachaa keetii hin diiggaman; dallawa dhaga'aa ka worra kee ka balbala eeguu hin caccabsan; biyyee maraa haxaayee balleessee akka dhagaan callaan hafu godha. Ani isii galaanuma san biratti hulee worri qurxummii qabu woshaadoo ufii itti miicatu isii taasisa; Ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera; baniin Xiroosiin hin saaman; banii gandiin san keessa jiraatan maraa lolanii guraadee ufiitiin isaan fixan; hennaa san Xiroos akka ani Rabbiin ta'e beetti.» Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ani Nabukadanatsoorii mootii Baabiloonii akka inni Xiroosiin irratti balaa buusu gara kaabaatii isi'itti fida; inni loltoota ufii jajjabaa worra faradoo yaabbatanii fi worra konkolaataa fardaa yaabbatan hedduu woliin dhufa. Baniin gandiin qachattii sanniinii keessa jiraatan maruu woraanaan dhuman; inni kushee ittiin uf irraa isin dhoogguun ijaarata; diinni haga qaccee dallawa keetii biyyee ol tuula; wontee hedduun uf irraa isin dhoogga'aa isin miidha. Meeshaa kushee diiguun dallawa kee diiga; dallawa dhaga'aa kee ka worra balbala eeguu dhagara'aan diiga. Daaraan buudaa fardaatiin ol ka'u akka duumessaatitti si golga; daaraan sun hennaa balbala dallawa keetiitiin ol seenu akka nama faradoo yaabbatee loluu, akka laagaa konkolaataa fardaa yaabbatuutii fi laagaa akka laagaa miila korbo'ootiin qachaa kee diiga. Loltoonni buudaa faradoo ufiitiin karaa kee maraa dhidhiitan; banii kee guraade'een ajjeesan; utubaawwan kee jajjabaan lafatti gad kufan. Qabeenni kee hin booji'ama; miini kee ka daldalaa hin saamama; dalloofni kee hin diiggama; manniin kee babbareedaan hin diiggama; dhagaan kee, balballinii fi tuulaan waan diiggamee galaanatti gatan. Sirbaa fi laagaa meeshaa sirba gara garaatii fi laagaa buuchoo keetii hin cadhisiisa. Hulee dhaga'aa ka worri qurxummii qabu woshaadoo ufii badhifatutu hafa; qachaan deebitee hin haarawoomtu; sababaa wonti kun ta'uuf waan ani Rabbiin maraa olii dubbadheef» jedha. Rabbiin maraa olii qachaa Xiroosiitiin akkana jedha, «Hennaa worri madaayan woyatanii fi hennaa si keessatti nama ajjeesan laagaa kufa keetiitiin biyyi daangaa kee jiru hin raafamuu? Mootonni biyya naannoo galaanaa maruu teessoo ufii irraa bu'an; uffata ufii ka ulfinnaatii fi uffata ufii ka faaya gara garaatiin midhaassan qabatanii sodaata'aa hollata'aa lafa taa'an; isaan waan hamaa si irra gaye yaada'aa guddisanii raafaman; waan si irra gayeen nayan. Isaan akkana jedha'aa faarsa'aa sii booyan, ‹isin worri biyya daangaa galaanaa jiran raaftan ati qachaan jabduun gurra dhagayatte ta galaana biraa! ati attamitti galaana biraa dhabamte? Guyyaa isiin itti kufte tulluuwwan hin raafaman; baniin isii gubbaa jiraatan maruu sababaa badii isi'iitiif guddisanii nayan.» Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ani akka qachoota onaa ta eennullee keessa jiraachuu hin dandeennee si taasisa; bisaan galaana guddaa xiillaa keessaa argamuun si dhossa. Ati duutee banii dur du'an woliin wolitti eda'amtee akka jiraattu si taasisa; ati akka worra du'anitti makamtee jiraattu worra biyya lafa jalaa keessa ka baraa haga bara baraa diiggamanii jiraatan woliin akka jiraattu si taasisa; sababaa kanaaf lammata namni si keessa hin jiraatu; ati worra jiraatan woliin jiraachu'uuf hulee hin qabdu. Akka dhumti kee nama sodaachisu taasisa; achiin maayessa hennaa ati itti baddu ta'a; hennaa san irraa jalqabee namoonni yoo si soqan sirima si hin argatan» Ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera. Rabbi akkana naan jedhe, Ati ilma namaa! waan Xiroosiitiif faaruu gaddaa baasi; Amma qachaa Xiroosii ta daangaa seensa galaanaa jirtu, ta daldaltoonni qachaa gara garaatii dhufanii itti wol gayaniin Rabbiin maraa olii akkana jedha jedhii isi'itti himi; ‹Xiroos! ati sirimaa ani bareeddu'u ufiin jetteerta. Huleen jiraattu galaana keessa; worri si ijaare akka markaba bareeduutitti si ijaaran. Cufanaan kee hindheessa gaara Heermoonii irratti argamuun hojjatame; utubaawwan kee muka Libaanosiitiin hojjatame. Kabalaan kee ka bisaaniin dhayatan qilxuu Baasaaniin keessaa argameen hojjatame; manni kee keessi muka hindheessaa ka biyya Qophiroosiitii argameen hojjatame naannaya isaa ilkaan arbaa itti maxxansan. Daasee markaba keetii akka yoo laalan fago'oo mudhatu uffata biyya Misirii ka faaya adda addaatiin hojjatameen midhaaffame; golgi kee carqii diimaa dhiilge'ee fi bulee guddisee bareedu ka lafa bisaaniin marfamte ka biyya Qophiroosiitii argameen hojjatame. Worri akka kabala'aatitti siin dhayatan worra qachaa Arwaadiitii fi qachaa Siidoonaa keessaa dhufan; Xiroos! ogeeyyiin kee bulchoota markaba keetiiti. Worri waan si jalaa diiggame ijaaru ogeeyyiin biyya Geebaariititti leenji'an si keessa jiran; worri markaba oofan markaba keetiin dhufa'aa daangaa keetitti si irraa waa bita'aa gurguratan.› «Loltoonni biyya Faaresii, Liidiya'aatii fi biyya Liibiya'aatii dhufan loltootuma kee woliin si tajaajilan; wonte'ee fi meeshaa lolaa ka mata'atti godhatan qe'ee kee ka lolaatitti fannisaniiran; isaan namoota akka ati ulfinna argattu godhan. Loltoonni biyya Arwaadiitii dhufan worra dallawa dhaga'aa kee eegan; namoonni biyya Gaamaadiitii dhufan kusheewwan kee eegan; isaan wontee ufii dallawa dhaga'aa kee irratti fannisan; worri akka ati bareeddu godhan isaan. «Ati waan guddiftee duroomteef daldaltoota worra Tersesii woliin mi'a kee wol jijjiira'aa isii irraa meetii, sibiila, qorqoorro'oo fi cilee dhaga'aa argata'aa turte. Ati worra Giriikii, worra Tuubaaliitii fi worra meeshaa kee ka sibiila diimaa irraa hojjatame fuutee bikka meeshaa sanniinii mi'a kee isaanii kenna'aa turte. Beetitoogaari'ii faradoo woraanaatii fi gaangiin kee fuutee mi'a kee isaanii kenna'aa turte. Ati namoota biyya Roodii woliin daldala'aa turte; baniin biyya galaanaa ladda jiran meeshaa kee si irraa fudhatanii bikka san ilkaan Arbaatii fi muka jabaa Zoophii jedhamu sii fida'aa turan. Baniin biyya Sooriya'aa meeshaa kee ka daldalaatii fi meeshaa kee ka biraallee heddu si irraa bita'aa turan; bikka meeshaa si irraa fudhatanii Baluurii, uffata diimaa dhiilge'ee fi uffata faaya gara garaatiin midhaassan, jirbii qadhaa, faaya gara garaa ka Elellaaniin hojjatamee fi mi'a diimaa gatii gudda'aa sii kenna'aa turan. Daldaltoonni biyya Yihuuda'aatii fi biyya Israa'elii gatii meeshaa keetiitii fi qamadii, misingaa, damma, dhadhaa ejersaatii fi urgooftuu gara garaa ka biyya Misirii sii kaffala'aa turan. Baniin biyya Damaasqo'oo waan meeshaa keetiitiifillee daadhii woyini'ii ka biyya Helboonii fuudhanii fi rifeensa hoola'aa ka biyya Saahooriitii fuudhan sii kenna'aa turan. Worri Daana'aatii fi Giriikii ka biyya Uuzaalii keessa jiraatan worri Amooniillee meeshaa kee si irraa bitu'uuf siin wolii galan; isaan waan meeshaa keetiin jijjiiratan sibiila bassanii hojjatan urgooftuu gara garaatii fi hixichoo sii fida'aa turan. Baniin biyya Daadaanii waan meeshaa keetiin jijjiiratan gilaasii fardaa sii fidan. Baniin biyya Arabaatii fi bulchoonni biyya Qeedaarii waan meeshaa keetiin jijjiiratan ilmoolee re'iinii, hoolotaa fi re'iin sii fida'aa turan. Daldaltoonni biyya Saaba'aatii fi ka biyya Raama'aa waan meeshaa keetiin jijjiiratan dhagaa gatii gudda'aa, worqi'ii fi urgooftuu gara garaa mimmishaa sii fida'aa turan. Baniin biyya Kaaraanii, Kaaneehiitii fi worri qachoota Eedaanii keessa jiraatan, daldaltoonni biyya Saaba'aa, worri qachaa Ashuuriitii fi qachaa Kilmaadii keessa jiraatan maruu si woliin daldala'aa turan. Isaan uffata babbareedaa, carqii diimaa dhiilge'ee fi uffata harkaan midhaassan, waan babbareedaa lafatti afatan, haada sirri'itti dhayanii fi sibaagoo sirri'itti dhaddoo dhayanii sitti gurgura'aa turan. Markaboonni worra Tarseesii meeshaa kee sii fe'a'aa si gargaaran. «Ati galaana biratti meeshaa gara garaa heddu qabda. Worri bisaan dhayatu galaana xiillaa jidduu si fidan; bubbeen baya biiftu'uu jabaan si rakkisee galaana keessatti si caccabse. Qabeenni kee ka meeshaa daldalaatiin argatte, worri markaba kee oofan, daldaltoonni teetii fi worri markaba kee midhaassan loltoonni markaba kee keessa jiran maruu hennaa markaboonni kee caccaban isaan maruu galaana xiillaa keessatti liqimfaman. Iyyansi isaan hennaa markaboonni isaanii liqimfaman dhageessisan banii galaana bira jiru hollachiise. Hennaa san worri markaboota biraa oofan, worri worra markabaa biraa oofan ajajan maruu yaa'anii qarqara galaanaa dhaabatan. Isaan maruu biyyee ufitti firfirsanii daaraa irratti gangalata'aa laagaa ufii ol qabatanii mararamanii sii booyan. Guddisanii sii gaddanii mataa ufii haadatanii uffata gaddaa uffatan; guddisanii onnee ufiitiin gaddanii mararamanii sii booyan. Gadda keessa maqaa kee waama'aa sii booyan; waan keetiif akkana jedha'aa faarfata'aa booyan; ta akka Xiroosii galaana keessatti baddee hafte eennu? Meeshaan kee biyya gara garaa keessa yoo faca'u fedha biyya sanniinii maraa guuta'aa ture; meesha'aa fi qabeenna kee ka si irraa hafeen mootota biyya lafaa maraa duroomsiteerta. Amma garuu ati galaana xiillaa keessatti caccabdee hafteerta; meeshaan keetii fi namoonni sii hojjatan maruu sima woliin badan. «Worri daangaa galaanaa jiran maruu sababaa wonti hamaan si irra gayeef guddisanii nayaniiran; mootonni isaaniillee uduu hin hafne raafamaniiran; fuula nama maraa irraa soda'atu mudhata. Daldaltoonni banii maraa sitti baldan; dhumti kee guddisee nama naasisa; ati baraa haga bara baraa hin mudhattu.» Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ati ilma namaa! Rabbiin maraa olii mootii Xiroosiititti akkana jedhii himi; ‹ati waan guddiftee uf jajjeef galaana keessa teessoo waaqolee tolfama'aa irra taa'an jetteerta; ati yoma yaada keetiin ani Waaqa ufiin jettellee ati nama malee Waaqaa miti. Ati Daani'eeliin caalaa ogeessa uf seeta; wonti tokkollee akka waan si jalaa hin dhokannee sitti fakkaata. Ati dhugamaan ogumma'aa fi mala keetiin qabeenna guddaa argatteerta; mana kee ka meeshaa kaayattu keessa birri'ii fi worqii tuulatteerta. Ati ogummaa daldala keetiin mudhifteen durummaa guddaa argatteerta; sababaa qabeenna kee gudda'aatiin uf jajjeerta› Eeganaa wonti ani Rabbiin maraa olii jedhu kana; ‹sababaa ati ani ogeessa akka Waaqaati jettee yaaddeef; Diintota gar jabeeyyii balaa sitti buusan sitti fida; isaan waan ati beekkumsaa fi ogumma'aan wolitti qabatte ka bareedu maraa si jalaa balleessan. Si garuu boolla keessatti gatan; galaana keessatti du'a badaa duuta. Eeganaa hennaa isaan si ajjeesu'uuf sitti dhufan ati ammallee akka Waaqaatitti uf laaltaa? ati hennaa harka worra si ajjeesuutitti kufte ati nama malee aka Waaqa hin taane uf beetta. Ati harka namoota biyya biraa ka Rabbitti hin amanneetiin duuta; ani Rabbii waan kana dubbadheera› » jedhee natti dubbate. Rabbi ammallee akkana jedhee natti dubbate, «Ati ilma namaa! waan hamaa mootii Xiroosii irra gayuuf faaruu gaddaa faarfadhu waan ani Rabbiin maraa olii jedhu akkana jedhii isatti himi, ‹Ati waan ogeessaa fi bareedaa taateef fakkeenna mishaa namaa taatee turte. Ati Eedenii bakka biqiltuu Rabbii keessa jiraata'aa turte, ati uffata worqi'ii ka dhagaa gatii gudda'aa ka Sardiyoon, Almaazi, Biralee, Maraagidi, Iyyaasphiidi, Sanpeerii fi Baluur jedhamanii waamamaniin midhaaffame uffata'aa turte; ati hennaa dhalatte irraa jalqabdee kana maraa hin qabda. Ani si'i akka maleekkaa Kiruub jedhamu ka waa eeguutitti muudee achi si kaaye; gaara kiyya woyyuu irra jiraata'aa turte; dhagaa gugurdaa ka guddisee falaqqisu jidduu deema'aa turte. Urga dhalattee jalqabee haga hennaa waan hamaa hojjachuu jalqabdeetitti ati nama mudaa hin qabne turte. Ati waa bita'aa gurguru'uuf ariifatta; kun maruu gara hujii miidha'aatii fi gara cubbu'uu si geesse; sababaa kanaaf akka ati gaara kiyya woyyuu gad dhiiftee baatu si giddisiise; kanaaf maleekkaan Kiruub jedhamu dhagaa guddisee ifu ka gatii gugurda'aa keessaa ari'a'aa si baase. Ati bareeda keetiin guddiftee uf jajje; waan ulfinna barbaaddeef ogummaa kee salphifte; sababaa kanaaf gubba'aa gad si darbe; mootota biraatiifillee malkata adabbi'ii si taasise. Sababaa yakka waa bita'aa gurgurtuutiif huleen kee ka ati itti waaqeffattu maruu hin battaayan; kanaafuu ani qachatti'itti ibidda kaasee akka gubattu godhe; amma worri si laalan maruu akka ati daaraa taate argan. Ati baddeerta! baraa haga bara baraa hin argamtu biyyi si beekan maruu raafamaniiran; hireen badaan sirra gaye kun akka isaan irra hin geenneef guddisanii sodaataniiran» jedhee natti dubbate. Rabbi akkana naan jedhe, «Ati ilma namaa! fuula kee gara Siidona'aa deebisi isi'itti raaga dubbadhu; Banii isi'iitiin Rabbiin maraa olii akkana jedha» jedhiin; ani isinitti ka'eera; waan ani isin irratti raawwadhuun baniin maruu na galatoonfatan; hennaa ani murtii qajeelaa murteessuu fi woyyummaa kiyya mudhisu akka ani Rabbiin ta'e beekan. Ani balaa kiyya isinitti fida; karaa maraa irrattuu akka dhiinni jigu godha; sababaa lola karaa gara garaatiin isinitti ka'uun isin keessaa namoonni hin dhuman; baniinillee akka ani Rabbiin ta'e beekan. Rabbi akkana jedha, «Ammaa achi worra ija tuffi'iitiin isii laaluu fi biyya naannaya isi'ii jiran ka akka qore'ee fi qummuuddu'uu ta'ee Israa'eliin miidhu eennullee hin jiraatu; isaan akka ani Rabbii guddaa ta'e hin beekan.» Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Hennaa ani worra Israa'elii biyyoota gara garaa ka isaan itti bittinnaayan keessaa wolitti isaan qabuu fi hennaa uduu baniin maruu argan banii kiyya keessatti woyyummaa kiyya mudhisu isaan deebi'anii lafa ufii ka ani hojjataa kiyya Yaaqoobii kenne irra jiraatan. Isaan sodaa malee achi jiraatan manniin ijaaratan, woyinii dhaabatan, ani worra ija tuffi'iitiin isaan laalu ka ollaa isaanii maraa hin adaba; worri Israa'elii garuu sodaa tokko malee nagayaan jiraatan; hennaa san isaan akka ani Rabbi Waaqa isaanii ta'e beekan.» Baqannee woggaa kudhaneesso'oo ji'a kudhaneesso'oo guyyaa kudha lammeesso'ootitti Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ati ilma namaa! fuula kee gara mootii biyya Misirii deebisii isaafii banii biyya Misirii marattuu raaga dubbadhu. Rabbiin maraa olii mootii biyya Misiriitiin akkana jedha jedhii itti dubbadhu; ‹ati ka bineensa lagaa fi galaana keessa cisee nama sodaachisu fakkaattu! ani aaree sitti ka'eera; lanni Abbaayii kiyya; ka laga kana uume ana› jetta; funyoo a'oo boqo'ootitti si dhayadha; qurxummii galaana keessa jiran maraa akka nafatti si maxxantu godha; akkuma qurxummiin nafatti si caaccofteen laga abbaayii keessaa harkisee si baasa. Si'ii fi qurxummii galaana keessaa maraa gara lafa gammoojji'ii darba; reeffi kee awwaala malee hafa; akka allaattiinii fi busaayaan nyaatan godha. Isin banii Israa'eliitiin akka ulee maqa'aa dadhabdoota waan taataniif hennaa san isin baniin biyya Misirii akka ani Rabbiin ta'e beettan. Hennaa isaan harka ufiitiin isin qaban isin akka ulee maqa'aa babbaqaxxanii ceekuu isaanii woraantan; isaan hennaa isinitti irkatan isin jalaa caccabdanii duddi isaanii daddaaqe. Eeganaa wonti ani Rabbiin maraa olii sitti himu kana; «Ani worra guraade'een balaa sitti buusan fida; isaan bani'iif horii kee maraa hin fixan. Biyyi Misirii ona lafa gammoojji'ii taatee hafti; hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beekan, «Ati lanni Abbaayii kun kiyya natu uume› waan jetteef. Ani si'ii fi laga keetitti aari'iin ka'eera; Ani qachaa Migidoolii ka gara kaabaatii jalqabee haga qachaa Aswaanii ka gara kibbaa, akkasuma haga daangaa Itoophiya'aatitti biyya Misirii lafa gammoojji'ii taasisee ona isii hambisa. Namaa fi horiinillee sirima achi irra hin willisu; haga woggaa afurtamaa womtuu achi irra hin jiraatu. Ani biyya Misirii biyyoota ona ta'an caalaa akka isiin ona taatu godha; qachoonni biyya Misirii haga woggaa afurtamaa diiggamanii hafan; qachoonni isi'ii qachoota diiggaman keessa laakkayamti; Ani worra biyya Misirii akka baqatan isaan taasisa; akka isaan banii gara garaa keessa bittinnaayaanii jiraatan isaan taasisa. Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Woggaa afurtamaan maayessa ani biyya Misirii biyyoota itti isaan bittinneesse keessaa Hulee isaan duraan keessa jiraatan biyya Misirii ka gara kibbaa Phaaxiroosiin keessa akka isaan jiraatan isaan taasisa; achitti isaan mootummaa dadhabaa ta'an. Siri'ii isaan mootummaa maraa caalaa dadhabaa waan ta'aniif deebi'anii mootummaa biraa bulchuu hin danda'an; Ani isa worra kaawwan caalaa waan dadhabaa taasisuuf inni mootummaa biraa gibira gabbarsiisuu hin danda'u. Worri Israa'elii ka armaan dura biyya Misirii gargaarsaaf dhaqanii achitti miidhaman qaabatan malee lamuu deebi'anii isaan hin hedatan; worri Israa'elii hennaa san akka ani Rabbii maraa olii ta'e beekan. Baqannee woggaa diddamii torbeesso'oo ji'a jalqabaa guyyaa duraatitti Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ilma namaa! mootiin Baabiloonii Naabukadanatsoor biyya Xiroosiititti balaa buusu'uuf ka'ee loltoota ufii haga mataan isaanii irraa dhumuu fi haga ceekuun isaanii madaawutti ba'aa guddaa akka baadhatan isaan taasiseera; garuu mootichinii fi loltoonni isaa kana maraa dadhabanii wonti isaan ba'aa buufatan hin jiru. Kanaafuu wonti ani Rabbiin maraa olii jedhu kana, «Ani biyya Misirii mooticha Naabukadanatsooritti dabarsee kenna; inni akka mindaa loltoota isaatii ta'u horii achi keessatti arge maraa saamee fudhatee deema. Loltoonni isaa waan naa hojjataniif waan biyyi Misirii itti dadhabde maraa sababaa dadhabbii isaatiif dabarsee kennaaf; Ani Rabbi waan kana dubbadheera.» «Hennaa wonti kun ta'u ani banii Israa'elii hin jajjabeessa; ati Hisqeel! hulee namoonni maruu si dhagayuu danda'an maratti laagaa kee ol qabattee akka dubbattu si taasisa; akkaataa kanaan akka ani Rabbiin ta'e beekan.» Rabbi ammallee akkana jedhee natti dubbate, «Ati ilma namaa! waan ani Rabbi sitti mudhisu maraa beessisa'aa raaga kana dubbadhu; ‹Guyyaa saniif aanne'e!› jedha'aa booyiif. Guyyaan duumessaa dhiyaateera; guyyaan kun guyyaa murtii Rabbiiti! guyyaan kun banii maraaf guyyaa rakkinnaa ta'a. Biyya Misiriititti lolatu ka'a; biyya Itoophiya'aatittillee waan guddisee nama naasisutu ta'a; namoonni hedduu biyya Misiriititti dhuman; biyyattiin saamamtee bu'uurri isi'ii hin diiggama. «Woraanni sun biyya Itoophiya'aa, biyya Liibiya'aa, banii biyya Liidiya'aa, fuuxii fi banii worra kiyya keessaa dhufan ka Arabaallee hin fixa jedhee natti dubbate. Rabbi biyya Migidooniitii jalqabee haga biyya Siwaanii worri biyya Misirii gargaaran woraanaan dhuman; uf jajuun jabeenna biyya Misirii hin salphata; Ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera. Biyyattiin biyyoota ona ta'an caalaa ona taati; qachoonni isi'ii maruu qachoota diiggaman caalaa diiggaman. Hennaa ani ibidda biyya Misirii gubu qabsiisu akkasuma hunni worra isii gargaaruullee hennaa butute akka ani Rabbiin ta'e beekan. Guyyaa san wonti isaan nu irra gaya jedhanii hin mamne worra Itoophiya'aa sodaachisu'uuf ergamtoonni ajaja kiyyaan bayan; isaan sababaa badii biyya Misirii irra gawuun dhugamaan guddisanii sodaatan» jedha. Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ani akka inni banii biyya Misirii balleessuuf mootii Baabiloonii Naabukadanatsooriin erga. Inni loltoota ufii garjabeeyyii qabatee biyyattii balleessu'uuf dhufa; isaan biyya Misirii guraade'een dhayan; biyyattii keessa reeffatu guuta. Ani bisaan laga Abbaayii hin gossa; worra biyya Misirii akka baallii namoota hama'aa jalatti kuftu taasisa; kanaafuu baniin ormaa maruu biyyatti sirima balleessan; ani Rabbi waan kana dubbadheera» jedha. Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Waaqolee tolfamaa meemfiisiin keessa jiranii fi waaqolee sobaa maraa hin diiga; namni biyya Misirii keessatti bulchaa ta'u hin jiru; ani akka baniin sodaatan godha. Ani qachaa Phaaxiroosii ta biyya Misirii keessa gara kibbaatiin jirtu ona taasisa; qacha Tsu'aanii ta gara kaabaatiin jirtullee ibidda qabsiisa; qachaa Teebisiillee itti murteessee adaba. Qachaa Peeluusiyaanii ta biyya Misiriitiif kushee taate akka balaan kiyya isii irratti bu'u godha; banii hedduu ta qachaa Teebisii ta kushee biyya Misirii taate akka balaan kiyya guddaan isii irratti bu'u godha; banii hedduu ka Teebisii hin ajjeesa. Ani biyya Misiriititti ibidda bobeessa; Peelusiyaan guddiftee hucuucamti; dalloofni dhaga'aa ka Teebisii hin diiggaman; qachaa Meemfiisii rakkoo wol irraa hin cinnetu isii irra gaya. Ka'imman qachoota Ooniitii fi Bubaastisii keessatti argaman maruu hin booji'aman. Hennaa ani hunna biyya Misirii caccabsee waan isaan ittiin dhaadatan balleessu Xaafinaas dukkanaan golgamti; biyyi Misirii duumessaan golgamti; worri qachoota isi'ii keessa jiraatan hin booji'aman. Hennaa ani akkaataa kanaan biyya Misirii adabu akka ani Rabbiin ta'e beekan» Baqannee woggaa kudha tokkeesso'oo ji'a jalqabaa guyyaa torbeesso'ootitti Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ilma namaa! Ani irree biyya Misirii cabseera; ogeessi worqaanaan hidhee isa fayyisu hin jiru; kanaafuu inni ammaa achi jajjabaatee guraadee ol fudhachuu hin danda'u. Sababaa kanaaf wonti ani Rabbi Gooftaan jedhu kana; «Ani mootii biyya Misirii lolaan itti ka'eera; kanaafuu harka isaa lamaan ka dura cabee fi ka fayya'aallee deebi'ee cabsu'uuf qophaayeera; akka guraadeen harkaa bu'u godha. Worra biyya Misirii bani'ii fi biyyoota gara garaa keessa isaan bittinneessa. Akkaataa kanaan ani hunna mootii Baabiloonii jajjabeessee akka inni guraadee kiyya harkatti qabatu godha; hunna mootii biyya Misirii garuu hin caccabsa; inni akka nama madaayee du'uu gayeetitti diina ufii afo'otti woyata. Ani mootii biyya Misirii dadhabsiisee mootii Baabiloonii jajjabeessa; hennaa ani guraadee kiyya mootii Baabilooniititti kennee inni mootii biyya Misiriititti bikkatu namni maruu akka ani Rabbiin ta'e beekan. Ani worra Misirii bani'ii fi biyyoota gara garaa keessa isaan bittinneessa; achiin maayessa akka ani Rabbiin ta'e beekan.» Baqannee woggaa kudha tokkeesso'oo jiini sadeesso'oo seenee guyyaa jalqabaatitti Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ati ilma namaa! mootii biyya Misiriitii fi banii heddu saniin akkana jedhii itti himi; ‹ati guddinnaan eennuun wol fakkaatta? Ati akka haafa babbareedaa gaaddisa qabuutii fi akka birbirsa Libaanosii ka dheerinni isaa duumessa bira gawuuti. Achi bisaan gayaa muka san guddisutu jira; bisaan lafa jala jiru muka guddisa; bisaan yaa'u mukkiin raasaa jiru jala yaa'a. Munni kun guddisee waan bisaan argateef hojja'aan mukkiin kaawwan maraa caale; dameewwan isaallee fufurda'aa fi dhedheeraa ta'an. Simbirran maruu dameewwan sanniin irratti maandhee ijaartan; busaayaan lafa irraa ilmoolee ufii gaaddisa isaa jalatti dhalan; baniin gugurdaan maruu gaaddisa san jalatti hara baafaa'aa turan. Munni sun hidda ufii gara bisaanii waan gad fageeffateef dameen isaa guddisee guddatee babadhatee bareede. Munni Libaanosii ka jeennata Rabbii keessa jiru isatti hin bikkamu; hindheessi damee isaa hin gayu; dameen dhaddachaa damee isaatiin yoo wolitti bikkan waan diqqoo woyiiti; mukkiin jeennata Rabbii keessa jiran keessaa ka akka isaa bareedu tokkollee hin jiru. Ani dameewwan babadha'aan isa bareechise; inni muka ani Rabbi jeennata Eedenii keessatti dhaabe caalee maraa hinaafsise. Munni kun guddatee haga duumessa bira gaye muka boonee uf jaje kana ani Rabbiin maraa olii akkana godha. Ani baasee isa gata; bulchoota bani'iititti dabarsee isa kenna; inni haguma hammeenna isaatiin badii isa irratti raawwata. Banii keessaa worri garaa jabaatan muka san muranii gatan; luxuun isaa gaarranii fi dhooqa keessatti kufan; dameewwan isaa caccabanii bisaan yaa'u irra ciisan; baniin gaaddisa isaa jalatti wol gayan maruu isa dhiisanii deeman. Simbirran dhufanii gudeelcha san irra taa'an; dameen isaa hulee busaayaan itti hara baafatu ta'a. Inni haguma fedhellee bisaan dhuga'aa yoo guddate munni akkaataa kanaan hojjaan isaa haga duumessaa gaye ammaa achi sirima hin jiraatu; murtiin du'aa ka worra du'an irra gawu isaan irrallee hin gaya; du'anii worra du'etti eda'aman.» Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Hennaa munni sun muramee worra du'anitti eda'amu bisaan lafa jalaa san cufee namoonni hedduu uduu booyaniif isa irra gara gala; lanni hedduu akka adda citan godha; bisaan gugurdaan yaa'u akka dhaabatu godha; sababaa kanaaf waan gaarran Libaanosii dukkanaan golgu fida; kanaaf mukkiin lafa raasa'aa jiran maruu hin quuran. Ani muka san hennaa akka inni du'ee ka du'an kaawwanitti eda'amu godhu laagaan kufa isaa banii maraa hollachiisa; mukkiin jeennata keessaa ka worra du'e kaawwanitti eda'amanii fi mukkiin Libaanosii mimmishaan bisaan dhuga'aa guddatan maruu inni du'ee waan worra du'anitti eda'ameef hin gammadan. Worri gaaddisa isaa jala turanii fi worri banii keessaa isa gargaara'aa turan du'anii worra guraadeen dhumanii awwaalamanitti gad bu'an. Munni fakkeenna mootii biyya Misiriitii fi banii maraati; mukkiin jeennata keessa jiran keessaa ka hojja'aan bareedaan isa gawu hin jiru; amma ammo akka mukkiin jeennata keessaa ka worra du'anitti eda'amanii innillee du'ee worra du'anitti eda'ama» Rabbiin maraa olii waan kana dubbateera. Baqannee woggaa kudha lammeesso'oo ji'a kudha lammeesso'oo guyyaa jalqabaatitti Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ati ilma namaa! mootii biyya Misiriitii booyiitii jabeessii isa seerii waan ani sitti hime akkana jedhii isatti himi ‹Ati hennaa orma keessa jiraattu akka leencaatitti uf laalte; ati ammo akka busaayaa guddaa naacha fakkaatu ka guddisee nama sodaachisu ka galaana keessa gara gaggaluuti; ati lukaan dhiita'aa bisaan booreessita. Ani hennaa ormi hedduu wol gaye woshaadoo kiyya jalatti badhisa; akka ormi woshaadoo kiyyaan si harkisee qaccee si baasu godha. Ani daaraa irratti si gangalcha; akka foon kee nyaatan allaatti'ii fi busaayaa lafa irraa maraa hin waama. Gaarranii fi dhooqa maraa akka reeffa kee ka shameen guutu godha. Biyyattii haga gaarraniititti dhiiga keetiin maanxa; boyiin bisaan keessa yaa'u maruu dhiiga keetiin guuttama. Ani hennaa si balleessu samii golga; urjiiwwan isaaniillee hin dhaamsa; aduu duumessaan dhossa; addeessi hin ifu. Ifa sami'ii ka si gubba'atti ifu hin dhaamsa; lafti teellee akka dukkanooftu godha; ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera. Hennaa ani banii ati hin beenne keessatti oduu badii keetii dhageessisu ani garaa banii hedduu hin naasisa. Baniin hedduu si arganii akka nayan godha; hennaa ani guraadee kiyya isaan afo'otti kaasu mootonni isaanii sababaa keetiif sodaatanii hollatan; guyyaa ati kuftu namni maruu lubbuu ufiitiin sodaatee hollata. Rabbiin maraa olii mootii biyya Misiriitiin akkana jedha, «Guraadee mootii Baabilooniititu sitti dhufa; Guraadee jajjabaa banii gar jabeeyyii adunyaa keessaatiin baniin kee heddu dhuma; isaan uf jajuu biyya Misirii hin salphisan; baniin isi'ii heddu hin badan. Busaayaa naannoo lagaatitti argaman maraa hin balleessa; achiin maayessa baniinii fi horiin bisaan booreessu sirima hin argamu. Ani akka bisaan kee qulqullaayuu fi galaanni kee akka sayiti'ii akka nagayaan yaa'an godha; Ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera. Hennaa ani biyya Misirii onaa fi lafa gammoojji'ii taasisee waan isiin irra jiraattu maraa balleessu atii fi baniin kee akka ani Rabbiin ta'e beettan. Kun faaruu booyaati; dubartoonni biyyatti'ii faarsa'aa booyan; biyya Misiriitii fi banii isi'ii maraafuu booyan jedha Rabbiin maraa olii.» Baqannee woggaa kudha lammeesso'oo ji'a jalqabaa guyyaa shaneesso'ootitti Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ati ilma namaa! banii biyya Misirii banii kaawwan jajjabaa woliin gara worra du'ee lafa jala jiruu faaruu booyaa faarsa'aa geegessi.» Ati isaaniin akkana jedhi, «Bareenni keessan waan bareeda eennuu caalu seetan? isin gad bu'a'aatii worra Rabbitti hin amanne woliin ciisaa'a. Banii biyya Misiriititti waan guraadeen qophaayeef baniin biyya Misirii heddu worra guraade'een ajjeefaman jiddu'utti kufan. Hennaa worri biyya Misirii dhumanii worra du'anitti eda'aman worri jajjabaan du'anii lafa jala jiran isaan simatan; hennaa isaan simatan ‹isin worra wolii galtan woliin kootta'aa gad bu'aa worra Rabbitti hin amanne ka lolaan dhuman woliin ciisaa'a!› jedhaniin. Biyyi Asoorii loltoota ufii woliin achitti argamti; awwaala loltoota ufii ka guraade'een dhumaniin marfamteerti. Awwaalli isaanii qilee gad fagoo keessa jira; worri worra lubbu'uun jiran raasa'aa turanii fi awwaalli loltoota woraanaan dhumanii naannoo isaanii jira. Awwaalli banii biyya Eedaanii heddullee achi jiran; isaan worra banii lubbu'uun jiru raasa'aa turan; worra lolaan dhumanii fi worra uduu Rabbitti hin amanne du'an; isaan worra salphinna uffatee du'ee worra lafa jala jiranitti eda'aan. Loltoota biyya Eelaamii ka baay'inna qabanii fi banii keessaa worra guraade'een ajjeefamaniif huleen isaan hara itti baafatan qophaayeeraaf; awwaalli isaaniillee naannoo isaanii jira; isaan maruu uduu hin amanne worra woraanaan dhuman; kunniin worra namoota lubbu'uun jiru raasa'aa turanii woraanaan dhuman; worra salphinna uffatanii gara qile'ee bu'aniin wolitti makaman. Awwaalli loltoota banii Meesheekiitii fi Tuubaalii achi jira; isaan woraanaan dhuman; isaan maruu worra Rabbitti hin amanne; garuu isaan worra lubbu'uun jiran raasa'aa turan. Isaan worra lubbu'uun jiran waan raasa'aa turaniif akka loltoota isaanii nafa isaaniititti maxxansa'aa awwaalaniititti isaan hin awwaalle. Atillee mootiin biyya Misirii isaaniin wolii galtee worra woraanaan du'anii fi worra Rabbitti hin amanneen wolii ciifta. Mootonni biyya Eedoomiitii fi awwaalli bulchoota isi'ii achi jiran; hennaa tokko isaan worra jajjabaa turan; amma ammo worra woraanaan dhuman ka Rabbitti hin amanne woliin du'anii lafa jala jiran. «Abboonni murti'ii ka gara kaabaatii fi worri Siidoona'aa achi jiran; isaan baallii ufii hedatanii yoma woraana kaasanillee salphatanii worra du'anii lafa jala jiranitti eda'amaniiran; isaan uduu Rabbitti hin amanne guraade'een dhumanii salphinna uffatanii worra uduu Rabbitti hin amanne dhuman wolii ciisaniiran. Mootiin biyya Misiriitii fi loltoonni isaa worri woraanaan dhuman hennaa isaan argan mootiin biyya Misirii waan banii hedduu du'anii lafa jala jiraniitii hin jajjabaata; jedha Rabbiin maraa olii. Inni worra lubbu'uun jiran waan raasa'aa tureef worra hedduu woraanaan dhuman ka Rabbitti hin amanne woliin hara baafata; Rabbiin maraa olii waan kana dubbateera. Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ati ilma namaa! ‹Ani hennaa biyya takkatti woraana kaasee baniin nama isa eegu yoo qopheeffate Namni eegu sunillee diina dhufu argee akka isaan balaa irraa uf eeggataniif laagaa xurumba'aa namoota marattuu yoo dhageessise, Eennullee laagaa isaa waan seeraan hin dhageenneef diinni dhayee yoo isa ajjeese balleessaan kama isaati. Laagaa uf eeggataniin waan hin hubanneef balleessama ufiitiin du'e; inni uduu laagaa san dhagayee uf eeggatee silaa badii jalaa baya. Garuu ka waa eegu sun hennaa diinni dhufu argee yoo laagaa badii jalaa bayaniin uduu hin dhageessifneen hafe, diinni dhufee namoota saniin keessaa tokko yoo ajjeese namni du'e sun cubbuu ufiitiin du'e; ani ammo dhiiga nama du'e sanii namicha waa eegu san gaafadha› jedhii banii kanatti himi» naan jedhe. «Ati ammallee ilma nama! ani tissee banii Israa'elii si taasiseera; seera ani sitti kennu maraa isaanii dabarsuu si barbaachisa. Hennaa ani nama cubbama'aan ‹Ati nama cubbamaa dhugamaan hin duuta› jedhuun ati yoo akka inni hujii badaa san irraa deebi'u isa hin seerre namni sun cubbuma ufiitiin du'a; waan du'a isaatiif ani sima gaafadha. Ati nama cubbamaa san akka inni hujii badaa irraa deebi'u isa gorsitee inni hujii hamaa ufii irraa deebi'uu didee cubbuu hojjachu'utti jabaatee yoo du'e ammo ati waan kana irraa bilisa taata. Ati ilma namaa! worra Israa'eliitiin akkana jedhi, «Isin yakki keennaa fi cubbuun keenna nutti ulfaateera; sababaa kanaaf huqqata'aarra; eeganaa nu attamitti jiraachuu dandeenna? jettaniirtan. Ani Rabbiin maraa olii jiraataa waan ta'eef namni cubbamaan cubbuu hojjachuu dhiisee akka lubbu'uun jiraatuuf malee akka inni cubbu'uun du'u isatti hin dhiisu; kanaafuu isin Israa'el! hujii keessan hamaa dhiisaa'a maaf du'a barbaaddan?» jedhii isaanitti himi. «Ati ammallee ilma namaa! namni balchaan yoo cubbuu hojjachuu jalqabe hujiin mishaan inni duraan hojjate isa hin fayyisu; namni hamaan hujii hamaa hojjachuu yoo dhiise hujiin hamaan inni duraan hojjate sun gufuu isatti hin ta'u; namni balchaan cubbuu hojjachuu yoo jalqabe balchummaan isaa ka duraanii du'a isa oolchuu hin danda'u. Yoo nama balcha'aan ati dhugamaan lubbu'uun jiraata jedheen inni ammo yoo hujiin balchumma'aa kiyya ka duriituu na gaya jedhee cubbuu hojjachuu jalqabe hujii isaa mimmishaa duraanii keessaa tokkollee hin laaluuf; kanaafuu inni sababaa cubbuu ufiitiif du'a. Ani nama hamaa tokko akka inni du'u itti himee inni ammo cubbuu hojjachuu dhiisee waan seeraatii fi waan dhuga'aa yoo hojjate; Kana jechuun sababaa waan liqeesseetiif yoo qabdii qabate, yookaan qabeenna hate yoo deebise, cubbuu hojjachuu dhiisee seera jireenna namaa kennu yoo eege dhugamaan lubbu'uun jiraata malee inni hin du'u. Cubbuu inni hojjate maraa hin dhiisaaf; inni hujii dhuga'aatii fi qajeelaa waan hojjateef dhugamaan lubbu'uun jiraata. Baniin kee ammo wonti ani godhu sirri'ii mitii jedhan malee hujii isaaniititu sirri'ii miti. Namni balchaan hujii balchumma'aa hojjachuu dhiisee yoo hujii hamaa hojjachuu jalqabe hujii hamaa ufiitiin du'a. Namni hamaanillee cubbuu hojjachuu dhiisee waan dhuga'aatii fi waan qajeelaa yoo hojjate isumaan jiraata. Worri Israa'elii ammo waan ani Rabbi godhu maraa sirri'ii miti jettan; ta'ullee ani isin marattuu akkuma hujii keessaniitiin isinitti murteessa. Baqannee woggaa kudha lammeesso'oo ji'a kudhaneesso'oo guyyaa shaneesso'ootitti namni tokko Yerusaalemiin keessaa dheessee bayee akka qachattiin diina harkatti kufte natti hime. Namnichi dheessee jalaa baye sun uduu na bira hin geenne guyyaa tokkoon dura galgala hunni Rabbii gara kiyya dhufe, bariisaa san uduu namichi na bira hin geenneen duratti Rabbi arraba kiyya naa hiike; kanaafuu hennaa san irraa jalqabee ani dubbachuu dadhabne. Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ilma namaa! baniin qachoota Israa'elii ka diiggaman keessa jiraatan, ‹Abrahaam nama hojja ufii jiraatu; biyyi maruu isaa kennamte; nu'u namoota heddu; dhugamaan lafti dhaalaan nuu kennamteerti› jedhan. Waan ani Rabbiin maraa olii isaaniin jedhu akkana jedhii isaanitti himi, ‹isin foon dhiiga woliin nyaattan, waaqa tolfamaa waaqeffattan, nama ajjeeftan, eeganaa isin waan kanniin maraa godha'aa attamitti lafti teenna jettan? Isin guraadee keessan hedattan, waan nama jibbisiisu raawwattan; namni maruu haadha manaa nama biraa woliin seebara; eeganaa isin attamitti lafti teenna jettan?» Eeganaa ani Rabbiin maraa olii waan jiraataa ta'eef baniin qachoota keessa jiraatan dhugamaan akka ajeeffaman akka isaan seere ibsii isaanitti himi; worra baadiyaa jiraatan busaaya'atu nyaata; worra gaarranii fi holqa keessatti dhokatanii jiraatan bala'atu isaan fixa. Ani biyyattii onaa fi lafa gammoojji'ii taasisa; hunni isiin uf jajjuun hin dhaabata; gaarran Israa'elii ona eennullee keessa hin lufne ta'an. Sababaa yakka nama jibbisiisu ka isaan hojjataniitiif biyyatti onaa fi lafa gammoojji'ii taasisu akka ani Rabbiin ta'e beekan.» jedhee natti dubbate. Rabbi akkana jedhe, «Ati ilma namaa! baniin dallawa qachatti'iitiif balbala manniin ufii biratti waan kee mari'atan; isaan ‹koottaa dubbii Rabbii ka karaa isaatiin dhufu yoo dubbatu haa dhageennuu› woliin jedhan. Kanaafuu akka banii kaawwanii banii kiyyallee ati maal akka dubbattu dhagayuu calla'aaf wol gayan; waan ati isaanitti himtu maraa ammo hin raawwatan; dubbii ati dubbattu san waan jaalatan fakkaatanii mudhatan; garuu saamuu hin dhiisan. Ati isaan biratti akka nama laagaa mishaa qabuutii fi akka nama meeshaa faaru'uu ka jaalalaan faarsuuti; waan ati jettu hin dhagayan malee hin raawwatan. Dubbiin ati isaanitti himte ammo dhugamaan hin raawwatama; hennaa dhuga'aan raawwatame akka raanni isaan keessa jiru beekan» jedhe. Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ati ilma namaa! tissee banii Israa'eliititti raaga dubbadhu; waan ani Rabbiin maraa olii isaaniin jedhu maraa raagaan, «Isin tissee banii Israa'elii gobbuu kunuunsu'uu fi eeguu dhiiftanii ufuma callaa eeddan isin hobbaas! Aannan isaanii hin dhuddan; uffata rifeensa isaanii irraa hojjatamellee hin uffattan; hoolaa coome qalattanii nyaattan; ammo hoolota bobbaaftanii hin tissitan. Worra dadhabe hin jajjabeessine; ka dhibame hin fayyifne; ka cabe hin hiine, ka tarara bade hin deebifne, ka bade soquu dhiiftanii bikka san hunnaa fi gar jabeennaan isaan bulchitan. Hoolonni tissee waan hin qabneef hin bittinnaayan; waan bittinnaayaniif busaayaan lafaa cicciranii isaan nyaatan. Kanaafuu hoolonni tiyya tulloota gugurda'aa fi gaarran irratti raantayan; lafa irra bittinnaayan; ka isaan soqee arguu danda'u hin jiru› jedhii isaanitti himi. «Ammallee isin worri tisse'ee! waan ani Rabbi isiniin jedhu dhagayaa'a. Ani Rabbiin maraa olii waan jiraataa ta'eef tisseen tiyya hoolota tiyya dheechisu'uu fi eeguu dhiisanii ufumaa waan nyaataniif hoolota tiyya ta badde ka soquu fi ka eegu waan hin jirreef busaaya'atu nyaate. Kanaafuu isin worri tissitan na dhagayaa'a. Ani Rabbiin maraa olii tissee hoolotaatiin hin morma; hoolota worra tissu harkaa fuudhee akka isaan hin bobbaafne godha; ammaa achi tisseen ufumaa uf hin sooran; akka isaan nyaata isaanii hin taaneef hoolota tiyya afaan isaaniitii buusa. «Rabbiin maraa olii akkana jedha, ‹Anuu hoolota tiyya hin soqadha; seeraan isaan tiffadha. Akkuma tissee hoolotaa jalaa hoolota keessaa hoolonni baddee soqatan anillee akkasuma hoolota tiyya hin soqadha; guyyaa duumessaatii fi guyyaa dukkana jaama'aallee hulee isaan itti bittinnaayan maraa keessaa isaan oolcha. Ani bani'ii fi biyya maraa keessaa wolitti qabee isaan baasee gara biyya isaanii isaan fida; hulee isaan irra jiraatan ka bisaan irra yaa'uu fi gaarran Israa'elii irratti isaan dheechisa. Hulee mishaa irratti isaan bobbaasa; huleen isaan itti bobba'an gaarran gugurdaa Israa'eliiti; gaarran Israa'elii irratti dheedanii hulee itti bobba'an misha'atti hara baafatan. Anuu hoolota tiyyaa tissee ta'a; akka hara baafatan isaan taasisa; ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera» Ka badan hin soqa; ka tarara badan hin deebisa; ka caban hin yaala; ka dadhaban hin jabeessa; ani waan tissee dhuga'aa ta'eef worra dharaan coomanii fi worra jajjabaa hin balleessa. «Rabbiin maraa olii akkana jedha, ‹Tika hoolotaa tiyya babbaddu'uu fi mimmichuu korbeeyyii hoolotaatii fi ta re'iiniitittillee hin murteessa. Huleen mimmishaan itti bobbaatanii dheeddan isin hanqateetii? ka hulee itti bobbaatan kaan lukaan dhiittan? bisaan qulqulluu haga dhuddaniin maayessa ka hafe booreessuu isin barbaachisaa? Akkaataa kanaan hoolonni tiyya tuuwwan marga isin dhidhiittan dheedu'uu fi bisaan isin booreessitan dhuguu isaan barbaachisa» jedhan. Kanaafuu ani Rabbiin maraa olii hoolota tiyya ta qananiitee fi ta dadhabdettillee hin murteessa. Isin dalgaa fi ceeku'uun isaan darba'aa horii kiyya dadadhabaa gaafa keessaniin woraana'aa gara hulee fago'oo isaan ariitan. Ani ammo hoolota tiyya hin oolcha; ammaa achi eennullee saamee akka isaan fudhatu itti hin dhiisu; hoolota mimmichu'uu fi babbaddu'uttillee hin murteessa. Ani mootii akka Daawitii tajaajilaa kiyyaa isaanii moosisa; inni kunuunsee isaan tissa. Ani Rabbi Waaqa isaanii ta'a; mootii akka Daawitii tajaajilaa kiyyaatitu isaan bulcha; ani waan kana dubbadheera. Ani waadaa isaan wobii nagayaa ittiin argatan isaan woliin gala; busaayaa babbadaa lafa irraa balleessa; kanaafuu hoolonni tiyya hulee itti bobbayan marattuu nagayaan bobba'anii jiraachu'uu fi bosona keessallee buluu hin danda'an. Ani isaanii fi hulee gaarranii ka isaan irra jiraatan maraa hin eebbisa; rooba eebbaa henna'aan isaanii roobsa. Mukkiin hin daraaran; maasaan atoota midhaanii kennan; isaan maruu lafa ufii irra nagayaan jiraatan; Ani qambara banii kiyya irraa cabsee worra garaa jabaatu ka isaan bulchu jalaa hennaa bilisa isaan baase akka ani Rabbiin ta'e beekan. Achiin maayessa ormi isaan hin saamu; busaayaanillee cicciree isaan hin ajjeesu; wonti isaan sodaachisu hin jiru; nagayaan jiraatan. Maasaa mishaa midhaan itti facaafatanii isaanii geessu isaanii qopheessa; lammata hin beelayan; baniin isaanitti hin baldan. Isaan ani Rabbi Waandhi isaanii akka isaan woliin jiruu fi baniin Israa'elii akka banii kiyya ta'e beekan; ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera. Worri hoolotatti fakkeeffamtanii fi gobbuun ani bobbaasu isin banii Israa'eliiti; ani Waaqa keessan; ka waan kana dubbate ana Rabbii maraa oliiti» jedhee natti dubbate. Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ati ilma namaa! fuulaan gara gaara Eedoomii deebi'ii bani'itti raaga dubbadhu. Waan ani Rabbiin maraa olii jedhu maraa akkana jedhii isaanitti himi; ‹Banii Eedoomii! Ani isin morma; biyya teessan gammoojji'ii fi ona taasisu'uuf isinitti ka'eera. Qachoota teessanillee hin diiga; biyya teessan ona taasisa; achiin maayessa akka ani Rabbiin ta'e beettan. Isin sababaa waan gadoo keessan ka hennaa dheera'aatiif worri Israa'elii akka rakkatanii adabamanii guraade'een dhuman dabarsitanii isaan kennitan. Kanaafuu ani Rabbiin maraa olii waan jiraataa ta'eef du'aaf isin qopheessa; worri isin ajjeesu isin ari'a; isin waan dhiiga namaa jissuu hin jibbineef ka dhiiga namaa jissutu si ari'a. Ani biyya Eedoomiitii fi gaarran isi'ii onaa fi lafa gammoojji'ii taasisa; akka eennullee karaa saniin hin lufne godha. Gaarran maraa reeffa namoota dhumeetiin guuta; reeffi namoota woraanaan dhumanii tulloota dhooqaa fi laggiiwwan kee maraa keessa guuta. Ani baraa haga bara baraa biyya teessan ona taasisa; lammata ka qachoota teessan keessa jiraatu hin argamu; hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beettan. Ani Rabbi yoma achi jiraadhellee banii lachuu jechuun Yihuuda'aa fi Israa'eliin lafa isaaniillee dhaalaan fudhachu'uuf yaaddanii turtan. Kanaafuu ani Rabbiin maraa olii jiraataa waan ta'eef sababaa isin jibbansa, lolaa fi hinaaffaa banii kiyyatti mudhiftaniif adabbii isin barbaachisu isinii kenna; hennaa ani isin adabu isaan akka ani Rabbiin ta'e akka beekan godha. Dubbii isin isaan waan ona ta'aniif akka nu jalatti bulaniif nuu kennamaniiran jettanii tuffi'iin waan gaarran Israa'elii dubbattan ani Rabbi akka dhagaye duranaa hin beettan. Akka isin natti morkattanii akka feetan akka dubbattan dhagayeera. Kanaafuu wonti ani Rabbiin maraa olii jedhu kana, «Hennaa adunyaan maruu gammadan biyya keessan ammo gammoojjii taasisa. Akkuma isin biyyi Israa'elii gammoojjii taanaan gammaddan anillee gaarran Seer'iriitii fi biyya Eedoomii maraa gammoojjii taasisa; achiin maayessa namni maruu akka ani Rabbiin ta'e beeka.» Rabbi akkana jedhe, «Ati ilma namaa! gaarran Israa'eliititti raaga dubbadhu; waan ani Rabbi Gooftaan keessan waan ani isaaniin jedhu akka caqasan isaanitti himi. Rabbiin maraa olii akkana jedha, diintonni Israa'elii ‹ammallee gaarran durii keenna ta'eera!› jedha'aa uf jajuu jalqabaniiran. Kanaafuu Rabbiin maraa olii gaarran Israa'eliititti akkana jedhii raaga dubbadhu naan jedhe; «Baniin biyya ormaa biyya keessan karaa maraanuu waan diiganii fi dhugamaan gammoojjii waan taasisaniif biyyi teessan qabeenna banii biraa taate; isinillee worra namoonni itti kolfuu fi itti baldu taatan. Kanaafuu isin gaarran Israa'elii dubbii Rabbii maraa olii dhagayaa'a; Rabbiin maraa olii gaarranii fi tullootaan, bisaan yaa'uu fi dhooqa maraan, banii lafa gammoojji'iitii fi lafa onaa keessa jiraatan ka baqatan maraan, qachoota gayee isaanii ta itti baldan banii naannaya san jiran maraafuu burqaa saamichaa taateen Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ani hinaaffaa kiyya gudda'aan banii maraa fi biyya Eedoomii marattuu dubbadhaa; isaan gammachuu gudda'aa fi guddisanii tuffatanii lafa tiyya dhaalanii ta ufii godhatan» jedha Rabbiin maraa olii. Ati biyya Israa'eliititti raaga dubbadhu; bani'iinillee akkana jedhi; «Rabbiin maraa olii sababaa baniin gaarran, tulloota, bisaan keessan ka yaa'uu fi dhooqa keessan maraa irrattuu salphinna keessanii fi ani Rabbiin maraa olii lola kiyya gudda'aa fi hinaaffa'aan ka'eera. Biyyi ollaa keessanii ka naannoo keessan jiran maruu akka salphatan ani Rabbiin maraa olii hin kakadha. Wonti ani isin banii kiyya Israa'eliin jedhu kana; mukkiin gaarran Israa'elii jiran maruu deebi'anii lalisanii daraaraa isinii kennan; isinillee daddaftanii gara biyya keessanii deebitan. Ani waan isin woliin jiruuf isinii araarama; lafti teessan qotamtee midhaan itti facaafama. Isin baay'essa; qachoota armaan dura diiggaman maraa ijaarattanii keessa jiraattan. Baniinii fi busaayan akka horanii baay'atan godha; ijoollee hedduu hortanii baay'attan; achitti akka armaan dura jiraata'aa turtan sanitti jiraattan; ta durii caalaa isin duroomsa; hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beettan. Isin banii kiyya Israa'elii! deebitanii akka lafattii irra jiraattaniif isin fida; lafti teessan taati; lammata ta namni irra hin jiraanne hin taatu. Wonti ani Rabbiin maraa olii jedhu kana; baniin lafa tanaan ta nama nyaattu jedha'aa ka waamanii fi banii isi'iitiinillee ta ijoollee hin qabne taasifteerti ka jedhu dhuga'a. Ammaa achi lafattiin ta nama nyaattu hin taatu; ijoollee teessanillee isin irraa hin fudhattu; ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera. Lafti ammaa achi ta baniin itti baldu hin taatu; tuffi'iinillee isii hin laalan; ka lammata deebi'ee lafatti akka namni irra hin jiraanne taasisu hin jiru; ana Rabbii Goofta'atu waan kana dubbate» jedhe. Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ati ilma namaa! baniin Israa'elii hennaa biyya tana keessa jiraatan jireenna isaanii duwwa'aa fi hujii isaanii badaa maraanuu biyyattii tana batteessanii turan; jireenni isaan afoo kiyyatti jiraatan akka dubartii garaa argitee akka batti'iititti laallamtuuti. Waan isaan biyyattii irratti ajjeecha'aa fi waaqolee tolfamaa waaqeffata'aa batteessaniif ani guddisee isaaniin lola. Jireenni isaaniitii fi hujiin isaanii maruu waan badaa ta'eef ani isaanitti murteesse; akka isaan biyyoota ormaatitti bittinnaayan isaan taasise. Kunniin yoma banii Rabbiillee ta'an lafa inni isaanii kenne keessaa bayaniiran jedha'aa baniin isaan keessa bittinnaayan waan isaanii waan dubbataniif baniin kiyya maqaa kiyya woyyuu arrabsisiiseera. Garuu baniin Israa'elii banii isaan itti dhaqanii keessa jiraatan keessatti maqaa kiyya woyyuu waan arrabsiisaniif na yaachisa. Eeganaa waan ani Rabbiin maraa olii waan isaaniitiif siin jedhu maraa isaanitti himi; wonti ani ammaa achi isinii godhu waan maqaa kiyya woyyuu isin hulee dhaxxanitti arrabsisiiftan saniif malee isiniif jedheetii miti. Maqaa kiyya ka isin banii keessatti arrabsisiiftan waan woyyummaa guddinna maqaa kiyyaa hin mudhisa; achiin maayessa hennaa ani karaa keessaniin woyyummaa kiyya isaanitti mudhisu baniin akka ani Rabbiin ta'e beekan. Mootummootaa fi biyyoota maraa keessaa yaasee wolitti isin qabee gara biyya teessanii isin fida. Bisaan qulqulluu isinitti facaasee battummaa keessanii fi waaqolee tolfamaa keessan irraa akka qulqullooftan isin taasisa. Onnee haarawa isinii kenna; Hafuura haarawa isin keessa kaaya; onnee akka dhaga'aa jabaattu isin keessaa baasee onnee akka foonii laaftu isinii kenna. Hafuura kiyya isin keessa bulcha; akka isin seeraa fi ajaja isinii kenne maraa seeraan eeddanii raawwachuu dandeettan isin taasisa. Achiin maayessa isin lafa abboota teessan ta duriitii kenne irra jiraattan; isin banii kiyya taatan; ani Waaqa keessan ta'a. Ani waan battii maraa irraa isin fayyisa; ammaa achi isin akka hin beelofne akka midhaan isinii baay'atu ajaja. Ani akka daraaraan mukaatii fi ka maasaa keessanii baay'atu godha; achiin maayessa beelli orma maraa salphisu isin irra hin gayu. Isin amala keessan bada'aa fi hujii hamaa hojjata'aa turtan maraa hin qaabattan; hujii battii armaan dura hojjata'aa turtan maraafuu uf jibbitan. Wonti ani godhu maruu isiniif jedhee akka hin goone isin biratti haa beekkamuu; kanaafuu isin banii Israa'elii! jireenni jiraattan isin haa saalfachiisuu, salphinni salphattan isinitti haa dhagayamuu jedhee natti dubbate; ka waan kana dubbate ana Rabbii maraa oliiti. Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Hennaa ani cubbuu keessan maraa irraa isin qulqulleesse qachoota diiggaman deebiftanii ijaarattanii akka keessa jiraattan isin taasisa. Namoonni karaa maasaa keessaniitiin lufan maruu lafti akka lafa gammoojji'iititti laallamtu hin qotamti. Ka isii laalu maruu ‹lafti lafa gammoojji'ii tun attamitti jeennata Eedanii fakkaate! qachoota armaan dura onaa fi ta waan diiggame itti tuulan attamitti ka baniin irra jiraatuu fi ka kushee itti ijaaratan ta'uu danda'an?› jedhan. Hennaa san baniin badii jalaa bayan ka biyya ollaa keessanii maruu qachoota diiggaman ka deebisee ijaaree fi hulee ona ta'an maraa ka akka lalisu taasise ana Rabbiin akka ta'e beekan; Ani Rabbi waan kana maraa akka raawwadhu dubbadheera; hin raawwadhalle'e» jedha. Rabbiin maraa olii akkana jedha «Worri Israa'elii deebi'anii hennaa tokko akka na kadhatan godha; laakkobsa isaanii akka tika hoolotaatitti baay'isa. Akkuma armaan dura Yerusaalem hoolota guyyaa ayyaanaa ciinca'aaf dhiyaataniin guuttamtutti qachoonni diiggaman bani'iin guuttaman; hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beekan.» Hunni Rabbii na irra dhufe; Hafuurri fuudhee gara dhooqa lafeewwan hedduu itti wolitti qabamanii na fide; Achi keessa na naannessee lafeewwan hedduu natti mudhise; achi keessa lafeewwan heddutu jira. Inni akkana naan jedhe, «Ilma namaa! lafeewwan kunniin waan deebi'anii lubbu'uun jiraatan sitti fakkaataa?» Anillee akkana jedheen, «Rabbii maraa olii! ka waan kana beeku sima» Innillee akkana naan jedhe, «lafeewwan kanniinitti akkana jedhii raaga dubbadhu; «isin lafeewwan goggogaan dubbii Rabbii dhagayaa'a. Waan Ani Rabbiin maraa olii jedhu maraa akkana jedhii isaanitti himi; Ani hafuura isin keessa kaaya; akka deebitanii lubbu'uun jiraattan isin taasisa. Ribu'uu fi foon isinii kennee gogaa isinitti uwwisa; hafuura isin keessa kaayee akka isin deebitanii lubbu'uun jiraattan isin taasisa; hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beettan.» Anillee akkuma inni na ajaje raaga dubbadhe; akkuma raaga dubbachuu jalqabeen laagaa waan socho'uu dhagaye; lafeewwan sunniin ufumaa wolitti dhufa'aa wol qabachuu jalqaban. Uduma ani isaan laalu lafeewwan sunniin ribuu, foonii fi gogaa uffatan; ufii ammo hafuura hin qaban ture. Rabbi akkana naan jedhe, «Ati ilma namaa! qilleensatti raaga dubbadhu; qilleensi roga arfaniiyyuu dhufee akka isaan lubbu'uun jiraataniif reeffa kanniinitti akka bubbisu itti dubbadhu.» Anillee akkuma inni na ajaje raaga dubbannaan hafuurri isaan marattuu seene; isaan lubbuu argatanii ol ka'anii miilaan dhaabatan; duula hedduu ta'an. Rabbi akkana naan jedhe, «Ati ilma namaa! baniin Israa'elii akkuma lafee kanniiniiti; isaan ‹lafeen keenna gogeera; abdii kutanneerra; wonti keenna dhumateera› jedhan. Kanaafuu ati banii kiyya banii Israa'eliititti raaga dubbadhu; Ani Rabbiin maraa olii awwaala isaanii banee achi keessaa isaan baasee akka gara biyya isaanii isaan deebisu isaanitti himi. Baniin kiyya hennaa ani hulee isaan itti awwaalamanii isaan baase akka ani Rabbiin ta'e beekan. Ani Hafuura kiyya isaan keessa kaaya; akka lubbu'uun jiraatan isaan taasisa; lafa ufii irra akka nagayaan jiraatan isaan taasisa; achiin maayessa isaan ka waan kana dubbatee fi ka waan kana raawwate akka ana Rabbiin ta'e beekan; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ati ilma namaa! ulee tokko fuudhii isa irratti Yihuuda'aa fi banii Israa'elii ka Yihuuda'aan wolii gale jedhii barreessi; ammallee ulee biraa fuudhii isa irratti Yooseefiif jechuun worra Efreemii ka worra Israa'eliitiin wolii gale jedhii barreessi. Achiin maayessa ulee lachuu harka keetiin wolitti qabii akka isaan tokko ta'an wolitti maxxansii qabadhu. Baniin keellee kun maal akka ta'e akka isaanitti himtuuf hennaa si gaafatan, Rabbiin maraa olii akkana jedha jedhii isaanitti himi; ulee Yooseefii ka harka Efreemii jiru, ulee Israa'elii ka isaaniin wolii gale tokko fuudhee tokko akka ta'an ulee Yihuuda'aatiin wolitti maxxansee harka kiyyaan tokko ta'an. Ulee lamaan harka keetiin irratti barreessite fuudhii akka baniin argu godhi. Ani Rabbiin maraa olii banii kiyya ka hulee gara garaatitti bittinnaaye banii maraa keessaa wolitti isaan qabee ka gara lafa isaanii isaan deebisu akka ana ta'e isaanitti himi. Biyya Israa'eliitii fi gaarran isi'ii irratti mootummaa tokko akka ta'an isaan godha; isaan maruu mootii isaan bulchu tokko qabaatan; lammata banii lama hin ta'an; mootummaan isaaniillee bakka lamatti hin qoodamu. Isaan lammata waaqolee tolfamaa ufiitiin, waan isaanii ka nama jibbisiisuu fi cubbuu biraatiin uf hin batteessan; gantummaa isaan irratti kufan keessaa isaan baasee isaan qulqulleessa; hennaa san isaan banii kiyya ta'an; anillee Waaqa isaanii ta'a. Mootii akka Daawitii tajaajilaa kiyyaa qabaatan; bulchaa tokko jalatti wolitti qabamanii seeraa fi ajaja kiyya amanamumma'aan raawwatan. Isaan lafa ani Yaaqoobii tajaajilaa kiyyaa kennee fi ta abboonni isaanii ta durii irra jiraatan irra jiraatan; ijoolleenii fi fiixaan isaanii maruu uduu hin hafne baraa haga baraa lafa san irra jiraatan; mootiin akka Daawitii tajaajilaa kiyyaa baraa haga bara baraa isaan irratti mooya. Ani isaan woliin waadaa nagayaa gala; waadaan sun waadaa baraa haga bara baraati; Ani deebi'ee isaan ijaaree laakkobsa banii isaanii baay'isa; mana kiyya woyyuu ka baraa haga bara baraa jabaatee dhaabatu lafa isaanii keessatti ijaara. Ani achitti isaan woliin jiraadha; Waaqa isaanii ta'a; isaanillee banii kiyya ta'an. Hennaa ani manni kiyya woyyuun baraa haga bara baraa isaan keessa akka jiraatu godhe baniin Israa'elii anaa fi banii fooyame akka ta'e worri Yihuudii hin taane hin beekan.» Rabbi akkana jedhee natti dubbate, «Ati ilma namaa! ati Googii banii biyya Meesheekiitii fi biyya Tuubaalii ka biyya Maagoogii keessa jiru bulchu morma'aa raaga dubbadhu. Ani Rabbiin maraa olii akka isa mormu itti himi. Ani kokkee isaatitti haada dhayadhee isaa fi duultota isaallee harkisa'aa gara hulee dhufanii uf irra isaan deebisa; duultonni isaa worra faradoo yaabbatanii meeshaa lolaa uffatan caalan; loltoonni maruu wontee gugurda'aa fi didiqqaallee qabatanii guraadeellee hidhataniiran. Worri biyya Faarisii, worri biyya Itoophiya'aatii fi namoonni Liibiya'aa dhufan maruu wontee qabatanii meeshaa woraanaa ka mata'aatti godhatan godhatanii isaan wolii galanii isa woliin hiriiran. Goomeer loltoota ufii woliin, duultonni Beetitoogaari'aa ka biyya fagoo gara kaabaallee isa woliin jiran; akkasuma namoonni hedduu ka biyya gara garaatii dhufaniillee isa woliin hiriiraniiran. Kanaafuu akka qophaayu itti himi; akka inni loltoota ufii uf jalatti qopheeffatu itti beessisi. Wonti inni qophaayuu isa barbaachisuuf akka inni biyya Israa'elii ta dur irraa barbadoofte akka qabatu waan isa ajajuuf; biyyi tun dur irraa jalqabdee ona taatee turte; baaniin isi'ii biyyoota duraan jiraata'aa turan keessaa deebi'aniiran; amma baniin Israa'elii gaarran biyya ufii jiran irra nagayaan jiraatan. Inninii fi duultonni isaa, akkasuma baniin hedduu ka isa woliin jiran akka dambalii galaanaatitti dhufan; akka duumessaatitti lafa irra gara galan» jedhee natti dubbate. Wonti Rabbiin maraa olii jedhu kana; «Yoo barri sun gaye waan badaa yaaddee waan hamaa karoorfatta. Ati akkana jetta ani gara gandiin dallawa hin qabnee baya; worra dallawaa fi balbala loosaa hin qabne keessa nagayaanii jiraatan irratti balaa buusa. Namoonni banii gara garaa keessaa deebi'an handhuura lafaa irra jiraatan; isaan hori'ii fi meeshaa qaban lafti duraan ona taate amma ta namni irra jiraatu taate yaanni kiyya waan isaanii booji'u'uuf i fudhachuu, akkasuma isaan irratti balaa buusu'u. Saabaanii fi Deedaan, akkasuma daldaltoonni biyya Tarseesiitii fi loltoonni isaanii ‹Ati Saamu'uuf dhuftee? ati worra meeti'ii fi worqii hori'ii fi meeshaa jechuun namoota waan ati saamte qabatanii sii deemaniin heddu wolitti qabdee?› siin jedhan. Kanaafuu ati ilma namaa! Googitti akkana jedhii raaga dubbadhu, «Rabbiin maraa olii guyyaa san hennaa Israa'el baniin kiyya nagayaan jiraatan ati ufumaa uf kakkaafta. Hulee fagoo gara kaabaa ka ufii jiraattu keessaa loltoota jajjabaa farda yaabbatanii lolan banii keessaa filattee dhufta. Ati banii kiyya Israa'elitti akka duumessa lafa dhossuutitti itti dhufta; ati Googi, bara dhumaa akka gara lafa tiyyaa dhuftu si taasisa; wonti ani waan kana godhuuf hennaa karaa keetiin woyyummaa kiyya mudhisu akka baniin maruu na beekaniif jedhii raaga dubbadhu» naan jedhe. Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ati gara banii kiyya Israa'elii dhaxxu raattonni tiyya ta durii ta na tajaajilan bara durii deddeebi'a'aa raaga dubbataniiran» jedha. Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Hennaa Googi biyya Israa'elii qabatu ani guddisee aara; Hennaa san akka biyya Israa'eliititti lafti sochootu hinaaffa'aa fi aarii kiyya gudda'aan labsa. Qurxummiinii fi simbirti maruu, bineensinii fi busaayaan lafa irra jiraatu maruu namnillee na sodaata'aa hollata; gaarran hin jigan; edennillee gubba'aa gad fofottoqa; dalloofni dhaga'aan ijaarame maruu hin diiggama. Gaarran kiyya maraa irratti akka Googiin irratti guraadee luqqifatan godha; namni maruu guraadee ufiitiin hiriyyaa ufii ajjeesa. Ani akka inni beelaa fi du'aan adabamu taasisa; ani isaa fi duultota isaa, namoota isa woliin jiran irrattillee rooba dirsaa, rooba baradaa gudda'aatii fi ibidda holataa isaanitti roobsa. Akkaataa kanaan ani guddinnaa fi woyyummaa kiyya mudhisa; achiin maayessa isaan akka ani Rabbiin ta'e beekan.» Rabbiin maraa olii akkana jedhe, «Ati ilma namaa! Googii banii Tuubaaliitii fi Meesheekii bulchutti raaga dubbadhu; akka ani isatti ka'e itti himi. Ani gara inni deemu jijjirsisee gara biyya kaabaa fago'oo gara gaarran Israa'elii akka duulu isa taasisa. Achiin maayessa ani isa dhayee buundhee isaa harka bita'aatii, eboo isaa harka mirgaatii buusisiisa. Googii fi duultonni isaa akkasuma hiriyyoonni isaa ka lolaa worri isa woliin hiriiran maruu du'anii gaarran Israa'elii irratti kufan; reeffa isaanii akka allaatiin sami'iitii fi busaayaan lafa irra jiraatan nyaatan taasisa. Lafa raasa'aatitti kufan; ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera. Biyya Maagoogiitii fi hulee namoonni daangaa galaanaa hulee sodaa tokko malee irra jiraatan marattuu ibidda qabsiisa; hennaa san isaan maruu akka ani Rabbiin ta'e beekan. Maqaan kiyya woyyuun akka banii Israa'elii biratti beekkamu godha; ammaa achi akka maqaan kiyya arrabfamu hin dhiisu; achiin maayessa baniin maruu akka ani Rabbii woyyuu Israa'elii ta'e beekan» jedhe. Rabbiin maraa olii akkana jedha, «guyyaan dhufa'aara; dhugamaan hin raawwata jedhee dubbadhe sun kana. Baniin qachoota Israa'elii keessa jiraatan maruu yaa'anii meeshaa woraanaa ka gatan maraa qoraan ibiddaa akka isaanii ta'uuf wolitti qabatan; wontee, buundhee, eboo, woraanaa fi bokkuu maraa wolitti qabatanii bobeeffatan; meeshaa wolitti qaban kanniin akka qoraaniititti haga woggaa torbaa bobeeffatan. Kanaafuu hulee gara garaatii qoraan ibiddaa wolitti qabu'uu fi bosona keessaallee muka muruu isaan hin barbaachisu; sababaan meeshaa woraanaa ka namoonni gatan maraa wolitti qabatanii bobeeffachuu hin danda'an; bikka armaan dura worri biraa saama'aa isaan fixa'aa turan; amma isaan koree ufiititti saamanii isaan fixuu danda'an» ka waan kana dubbate Rabbii maraa oliiti. Ammallee Rabbi akkana jedhe, «Hennaa wonti kun maruu ta'u dhooqa karaa galaana baya biiftu'uutiin jiru ka lafa Israa'elii keessatti argamu keessatti hulee Googi itti awwaalamu kennaaf; inni waan araanni itti baay'ateef karaa cufa; Googii fi loltoonni isaallee achumatti awwaalaman; kanaafuu dhoondhi sun ‹dhooqa loltoota Googii› jedhamee waamama. Achiin maayessa worri Israa'elii reeffa sanniin maraa awwaalanii lafa san deebi'anii qulqulleessu'uuf ji'a torba isaan gaafata. Worri lafa san irra jiraatan maruu isaan gargaaranii reeffa sanniin awwaalan; guyyaa ulfinni kiyya mudhatu isaanillee hin ulfaatan; ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera. Reeffi ji'a torbaan maayessa lafatti hafe yoo jiraate namoota hulee gara garaa deema'aa reeffa soqa'aa awwaala'aa lafa qulqulleessan ramadan. Hennaa biyyattii keessa naannayan lafee nama du'ee yoo argan cinaacha isaatitti malkata godhanii bira lufan; worri boolla awwaalaa qotan dhufanii dhooqa Googi Haamoonii keessatti awwaalan. Akkaataa kanaan lafattiin deebitee qulqulloofti; naannaya isaanii qachaa Haamoon jedhamtutu jira» jedha. Rabbiin maraa olii akkana naan jedhe, «Ati ilma namaa! rumicha gara garaatii fi busaayaa maraanuu Ayyaana ciinca'aa guddaa ani gaarran Israa'elii irratti isinii qopheessu foon isaanii nyaachu'uu fi dhiiga isaanii dhugu'uuf hulee maraayyuu wol gaya'aa koottaa'a› jedhiin» naan jedhe. Foon worra jajjaba'aa ka akka kormaa korbeessaa fi tumaalessa re'iin biyya Baasaanii ka Sooramanii nyaattan; dhiiga namoota gugurdaa lafa tana irra jiruu dhuddan. Ayyaana ani isinii qopheesse ka ciinca'aa san irratti haga quuftanitti cooma nyaattan. Waan nyaataa ka ani isaanii dhiyeessu foon fardaatii fi ka worra faradoo yaabbatanii lolanii, foon loltootaatii fi ka duultota biraallee haga nyaatanii quufanitti nyaatan.» jedha Rabbiin maraa olii. Rabbi ammallee akkana jedhe, «Ani banii keessatti ulfinna kiyya mudhisa; baniin maruu hunnaa fi murtii kiyya ka isaanitti murteessee isaan adabeen hin argan. Worri Israa'elii hennaa san irraa jalqabee akka ani Rabbii Waaqa isaanii ta'e beekan. Worri Israa'elii booji'amanii ka fudhataman sababaa na yakkaniif akka ta'e baniin maruu hin beekan; Ani waan lash isaanitti jedheef diintonni isaanii lolaan isaan mooyatanii isaan maraa ajjeesaniiran. Ani akka battumma'aa fi yakka isaanii isaan irratti raawwadhe isaan hin gargaarrelle'e» jedhe. Rabbiin maraa olii akkana jedhe, «Ani amma banii Israa'elii worra ijoollee Yaaqoobii ta'anii hin araarama; deebisee isaan duroomsa; Ani akka maqaan kiyya hin arrabfamne hin dhoogga. Hennaa isaan biyya ufii keessa uduu womaa isaan hin sodaachifne jiraata'aa turan hujii badaa nama saalfachiisu hojjachu'uuf anatti amanuu dhabuu ufii hin irraanfatan. Ani hennaa isaan banii maraa keessaa wolitti isaan qabuu fi biyyoota diintota isaanii keessaa uduu baniin hedduu argu hennaa wolitti isaan qabu ani karaa isaaniitiin woyyummaa kiyya mudhisa. Akka isaan booji'amanii fudhataman ka godhe yoma anallee ta'e amma ammo namni tokkollee isaan keessaa uduu uf duubatti hin hafne gara biyya ufii akka deebi'an taasiseera; kanaafuu baniin ani Rabbii Waaqa isaanii akka ta'e hin beekan. Ani Hafuura kiyya banii Israa'elii irratti buusa; lammata lash isaanitti hin jedhu» jedhe dubbate Rabbii maraa oliiti. Baqannee woggaa diddamii shaneesso'oo, Yerusaalem harka diina ufii jalatti kuftee woggaa kudha arfeesso'oo ji'a jalqabaa keessa guyyaa kudhaneesso'ootitti guyyaa san hunni Rabbii na irratti bu'ee fuudhee gara Yerusaalemii na fide. Mudhataan gara biyya Israa'elii na fidee gaara tokko irra na dhaabe; achitti manniin akka qachoota gaara irratti ijaaramanii fakkaatu gaarraniin gara kibbaatitti arge. Hennaa inni achi na fide nama tokko ka akka sibiilaa ifu arge; inni haada jirbii irraa hojjatamee fi ulee ittiin waa bikkan qabatee balbala dallawaa irra dhaabatee ture. Namichi sun akkana naan jedhe, «ati ilma namaa! sababaan akka ati garana dhuftu ta'eef waan ani sitti mudhisu maraa akka hubattuuf waan ta'eef xiinxallii laali; seeraan caqasii waan argite maraa banii Israa'elii marattuu himi.» Naannaya mana woyyu'uu dallawatu jira ture; uleen waa ittiin bikkan ka namicha harka jiru ciqilee isaa dheera'aan ciqilee jaha ta'a; badhinni dallawaa yoo bikkan ulee tokko ol; dheerinni isaallee yoo bikkan ulee tokko ta'e; ciqileen isaa ciqilee namoota biraatiin yoo wolitti bikkan ciqilee tokkoo fi taakkuu ta'a. Achiin maayessa inni gara dallawa baya biiftu'uu jiruu lufee deeme; kortoo irra ijjatanii bayan qacce'etti ol bayee hulee irra dhaabatan yoo bikku innillee ulee tokko ta'e. Namni sun mana worra balbala eeguu hojjaan isaa ulee tokkootii fi dalgi isaa ulee tokko qaba; manni kutaan mana hara itti baafatanii ciqilee shan wol irraa fagaata; karri kaloo haga hulee irra dhaabatanii dheerinni isaa ulee tokko. Kutaan worri balbala eegu itti hara baafatu ta cinaa gara seensaa badhinni maraatuu wol fakkaata; yabbinni ijaarsa dhaga'aa ka isaan jidduu jirullee woluma fakkaata. Balbala seensaa hennaa bikku dalgi ciqilee kudhan; dheerinni isaa ammo akka ciqilee kudha sadihii ta'e arge. Kutaa itti hara baafatan maraa afoo ijaarsa dhaga'aa gaggabaabaa ka dheerinni isaa ciqilee tokkootii fi yabbinni isaa ciqilee tokkooti; kutaan maruu bifa roga afurii qabuu fi ronni kunniin maruu dheerinna ciqilee jaha jaha qaban. Achiin maayessa balbala seensaa dudda duuba kutaa hara itti baafatan tokko irraa jalqabee haga dudda duuba kutaa hara itti baafatan ka lammeesso'oo dhaaba manaa irraa jalqabee haga dhaaba manaa kaanii bikkee ciqilee diddamii shanii akka ta'e arge. Kutaan gara dhumaa jiru gara raasa'aa nama baasa; sunillee yoo bikkamu ciqilee diddama ta'e. Dheerinni wol bira lufaniin balbala seensaatii jalqabee haga balbala gad bayaniinii ciqilee shantama. Kutaan hara itti baafataniitii fi naannofni utubaa gara keessaatii fi foddaa hedduu fi golgaa faaya bareedaa gara garaatiin midhaaffame qaba; kutaan gara dhumaa sunniinillee gara keessaatiin foddaa hedduu naannaya ufiitii qaban; utubaa hedduu ka dhaaba manaa irra akka bifa mukkiin meexxi'iititti tolchaniiran. Achiin maayessa namichi gara bayima itti bayanii na fide; naannaya bayima itti bayanii dhagaa afamee fi kutaa heddutu jira; dhagaa afame san afoo kutaawwan soddomatu jira. Dhagaan afame haga bayima itti bayanii gaya; bayimni itti bayan ka keessaa irra diqqa'a. Balballi dallawaa ka ol guddisanii ijaaran ka gara bayima itti bayan ka gara keessaa fidu tokkotu jira; namichi sun fageenna balbala dallawa lamaanii jiru bikkee akka ciqilee dhibbaa ta'e arge. Namichi sun dallawa balbalaa ka gara bayima itti bayanii ka kolba gara kaabaatiin jiruu bikke. Kutaawwan sadiin worri balbala eegan hara itti baafatan bita'aa fi mirginii fi utubaawwan dhaaba manaa akkasuma balballi dallawa qacce'ee ka gara baya biiftu'uutiin jiru haga tokko dheerinni balbala dallawaa guutuun ciqilee shantama; dalgi isaa ciqilee diddamii shan. Foddaawwan kutaawwan gara dhumaa jiraniitii fi fakiin bifa muka meexxi'ii balbala dallawa gara baya biiftu'uutiin jiran ka duraatiin wol fakkaata; kortoon achi nama fidu torba; kutaan hulee itti wol bira lufanii ka gara dhumaatiin jiru kolba gara bayima itti bayaniitiin jira. Balballi akka balbala gara baya biiftu'uutiin jiruu kolba gara kaabaatiin gara bayima itti bayan ka keessaatiin ol nama seensisa; namichi balbala tokkoo haga balbala kaanii yoo bikku ciqilee dhibba ta'e. Achiin maayessa inni gara kibbaa na fide; achi balbala tokko ka gara kibbaa nama baasutu jira; namichi utubaawwan balbala dhaaba manaatii fi kutaa gara dhumaa jiru bikke; badhinni isaaniillee badhinna kanniiniitiin woluma qixa. Dheerinni ciqilee shantama; dalqi ciqilee diddamii shanii ka hulee wol bira lufaniinii fi akkuma kaawwanii ka foddaawwan heddu qabu. Kortoowwan achi nama geessu torbatu jira; kutaan gara dhumaatiin jiru hulee itti wol bira lufanitti aanee jira; utubaawwan dhaaba manaa ka gara lamaaniitiin jiru irratti ammo fakii bifa muka meexxi'ii kaasaniiran. Balballi dallawaa ka biraa ka bayima itti bayan ka gara keessaa nama fidu hin jira; namichi sun bayima itti bayan keessa lufee haga badhinna balbala lammeesso'oo bikke; sunillee ciqilee dhibba ta'e. Namichi sun kolba balbala gara kibbaatiin gara bayima itti bayan ka keessaa na fide; inni hennaa balbala dallawaa bikku badhinni balbala kaloo gara diidaatiin woluma qixa ta'e. Utubaawwan dhaaba manaa ka worri balbala eegu hara itti baafatuu fi badhinni kutaa gara dhumaa jirullee akkuma kaawwaniiti; dheerinni balbalaa ka hulee wol bira lufaniinii ciqilee shantama; dalgi isaa ciqilee diddamii shan; naannofni wol bira lufaniinii maruu foddaawwan qaba. Huleen wol bira lufaniin naannofni isaa dheerinna ciqilee diddamii shaniitii fi dalga ciqilee shanii qaban. Kutaan seensaa bayima itti bayan ka keessaatiin wol laala; utubaawwan dhaaba manaa irra fakiiwwan muka meexxi'iititu jira; kortoo ittiin ol bayan saddeet qaba. Namichi sun kolba balbala dallawa gara baya biiftu'uutiin gara bayima itti bayan ka keessaa na fide; inni balbala dallawaa yoo bikku hanni isaa haguma kaawwanii ta'ee arge. Kutaawwan worri balbala eegu hara itti baafatu, utubaawwan dhaaba manaatii fi badhinni kutaa seensaa akkuma kaawwaniiti; dheerinni balbalaatii fi ka hulee wol bira lufaniinii ciqilee shantama; dalgi isaaniillee ciqilee diddamii shan; naannaya hulee wol bira lufaniin maraa irra foddaawwantu jira. Kutaan seensaa bayima itti bayan ka diidaatiin wol laala; utubaawwan dhaaba manaa irra gara lamaaniitiinuu fakiiwwan muka meexxi'ii irratti kaasaniiran; isaan kortoowwan ittiin ol bayan saddeet qaban. Namichi sun gara balbala dallawa gara kaabaa na fide; inni yoo bikku badhinni isaa haguma kaawwanii ta'e. Kutaawwan worri balbala eegan hara itti baafatan, utubaawwan dhaaba manaatii fi badhinni kutaa seenanii akkuma kaawwaniiti; dheerinni balbala kutaa itti hara baafatanii ciqilee shantama; dalgi isaa ciqilee diddamii shan; naannaya hulee itti wol bira lufanii maraa irra foddaawwantu jira. Balballi kutaa ittiin seenanii bayima itti bayan ka diidaatiin wol laala; utubaawwan dhaaba manaa irra gara lachiinuu fakii bifa muka meexxi'ii qaban, kortoo ittiin ol bayaniin saddeet qaban. Kutaan biraallee ka balbala dallawa gara keessaatiin kolba bayima itti bayan ka gara diidaatiin wol qabatetu jira; kutaan sun balbala biraa ka bayima itti bayan ka gara seensaatiin ol nama seensisu qaba; foon horii ciinca'aaf dhiyaatuu achitti dhiqama. Kolba kutaa seensaa bita'aa fi mirgaan xarapheessaa lama lamatu jira; xarapheessaa sanniin irra horii waan cubbu'uutiif ciincaa yakkaatii fi ciincaa gubatuuf dhiyaatutu irratti qalama. Balbala seensaa gara diidaatiin balbala seensa gara kaabaa bira cinaa tokkoon xarapheessaa afurii ka wol fakkaatutu wol afoo jiran. Kanaafuu xarapheessaan horiin ciinca'aaf dhiyaatu irratti qalamu wolitti qaba'atti saddeetatu jira; arfan isaanii keessaan; arfan ammo gara diidaatiin taa'an. Akkasuma xarapheessaan afurii ka dhagaa irraa hojjatametu jira; dheerinni isaanii ciqilee tokkoo fi wodhakka'a; dalgi isaanii ciqilee tokkoo fi wodhakka'a; ol dheerinni isaanii ciqilee tokko; isaan meeshaa horii ittiin qalanii fi meeshaa ciincaa ittiin dhiyeessan irra kaayu'uuf nama fayyada. Waan meeshaa irra kaayu'uuf nama fayyadu ka badhinni isaa taakkuu tokkootii fi kololee mana keessaan dhaaba manaa irratti maxxansanii ijaaraniiran; xarapheessaa sanniin irra foon ciinca'aa kaayan. Achiin maayessa namichi sun na fuudhee gara bayima itti bayan ka keessaa na fide; achi keessa kutaawwan lamatu jira; kutaawwan sanniin keessaa tokko balbala dallawa gara kaabaatiin gara kibbbaa laala; ka lammeesso'oo ammo cinaa balbala dallawa gara kibbaatiin gara kaabaa laala. Namichi sun akkana naan jedhe, «kutaan gara kibbaa hulee gadootaa ka mana woyyu'uu keessatti haa tajaajilaniif baalliin kennameefitu itti hara baafata. Kutaa gara kaabaa laalu worra gadootaa ka hulee ciinca'aatitti haa tajaajilaniif baalliin kennameefitu itti hara baafata; gadoonni kunniin maruu worra leewwotaa ka fiixaa Saadooqii irraa dhalatanii akka tajaajilan kennameef isaanuma calla'a» Namichi sun hennaa bayima itti bayan ka keessaa bikku dheerinni isaa ciqilee dhibba; dalgi isaallee ciqilee dhibba ta'e; mana woyyuu afoo hulee ciinca'aa tokkotu jira. Achiin maayessa gara balbala kutaa seensa mana woyyu'uu na fide; kutaa ittiin seenan, utubaawwan dhaaba manaa hennaa bikku kolbi dheerinna lamaaniituu ciqilee shan ta'e; dalgi seenaniin ciqilee kudha afur; yabbinni dhaaba seensa manaa gara lachiinuu ciqilee sadihi sadihi qaba. Dheerinni balbala seensaa ciqilee diddama; dalgi isaa ciqilee kudha lama; kortoo ittiin ol bayan ka achi nama geessu kudhan; kortoo ittiin ol bayan lamaanii ladda utubaawwantu ture. Ammallee namichi sun mana woyyuu keessa gara hulee woyyuu na fide; inni yoo hulee wol bira lufaniin ka mana woyyu'uu bikku dheerinni ladda gara lamaaniituu ciqilee jaha. Dalgi ciqilee kudhan; yabbinni dallawa dhaga'aa ka bita'aa fi mirga jiranii maruu ciqilee shan; hulee woyyuu san yoo bikku ciqilee afurtama; dalgi isaallee akkasuma ta'e. Achi keessallee ol lufee hulee wol bira lufaniin ka gara keessaa ol fidu hennaa bikku dheerinni ciqilee lama; dalgi ammo ciqilee jaha ta'e; dalloofni dhaga'aan ijaaran ka bita'aa fi mirga jiran yabbinni isaanii ciqilee torba. Roga tokko irraa jalqabee haga roga tokkoo kutaa gara keessa gamaan jiru hennaa bikku dheerinni isaa ciqilee diddama, dalgi isaallee ciqilee diddama ta'e; achiin maayessa «Kun woyyittii woyyootaati» naan jedhe. Namichi sun ijaarsa dhaga'aa ka mana woyyu'uu gara keessaatiin yoo bikku yabbinni isaa ciqilee jaha ta'e; ijaarsa dhaga'aa san biratti kutaawwan hedduu dalga ciqilee afur afur qabantu ijaarameera. Kutaawwan kunniin tokko tokko irratti gamoo sadihii ta'anii ijaaramanii gamoowwan maruu kutaawwan soddoma qaban; ijaarsi gara diidaa ka mana woyyu'uu ka gamoo maraatuu ijaarsa gamoo gara jalaatiin jiru caalaa haphi'i; sababaan kun ta'eef uduu ijaarsa mana woyyu'uutitti hin maxxanne kutaawwan sunniin ijaarsa dallawaatitti maxxananii waan ijaaramaniif. Dhaabni manaa ka jalaa dhaaba gamo'oo irra yabba'a; yoo gara diidaatii laalan ammo jalaa haga gubba'aa furdinni dhaaba manaa wol qixa fakkaata; dhaabni manaa jalaa haga gubba'aatitti haphata'aa waan deemaniif akkuma ol bayaniin laakkobsi kutaawwanii badhata'aa deeman; karaa itti ol bayaniinillee karaa gamoo lafa irraa ol ka'ee gara gubba'aa ol bayuutiin. Bu'uurri mana woyyu'uu ciqilee jaha ol fagaata; bu'uurri kutaawwan diidaallee haguma san. Balballi kutaawwan mana woyyu'uu laddaa ka banaman; gara kolba lafa duwwa'aatiin yoo ta'u balballi tokko kolba kaabaatiin banama; balballi kuun ammo kolba gara kibbaatiin banama; huleen duwwaan dhiifame sun ciqilee shan. Gara dhiya adu'uutiin qaccee lafa duwwa'aa san afoo mana dhaga'aan ijaarametu jira; naannofni yabbinna dhaaba mana sanii ciqilee shan; dalgi isaa ciqilee torbaatama; dheerinni isaa ammo ciqilee sagaltama. Namichi sun mana woyyummaa hennaa bikku ciqilee dhibbaa akka ta'e arge; mana woyyuu duuba naannayee bakka duwwaa bira lufee ijaarsa manaa gara dhiya adu'uutiin haga dhumaa yoo bikku wolumatti qaba'atti ciqilee dhibba ta'e. Dheerinni balbala mana woyyu'uu ka kolba gara baya biiftu'uutiin afoo jiru hulee duwwaa gara lamaaniin jirullee yoo bikku ciqilee diddama ta'e. Hulee wol bira lufaniin ka gara lamaanii woliin dheerinni ijaarsa manaa ka kolba dhiya adu'uutiin jiru hennaa bikku ciqilee dhibbaa ta'e; hulee wol bira lufan ka mana woyyu'uu huleen woyyuunii fi huleen woyyittii woyyootaa ta gara keessaa Isaan sadiinuu gara keessaa seenan ka naannaya ufiitii foddaawwan gara diidaa ka gaadaa qabu qaban; dhaabni manaa lafa irraa jalqabee haga fodda'aa mukaan ijaarame; cufanaan foddaawwaniillee mukumaan ijaaraman. Akkasuma huleen gara balbala mana woyyu'uu ka gara keessaa ol seensisu mukumaan ijaarame; dhaabni kutaawwan gara keessaatiin jiranii muka bifa boca qabuun ijaaramaniiran. Bifti waan muka sanitti uwwisanii mukkiin meexxi'iitii fi fakii Kiruubeelii fakkaata; naannaya kutaawwan sanniiniititti fakiiwwan muka meexxi'iitii fi fakiiwwan Kiruubeelii wol keessa diranii irratti kaasaniiran; Kiruubiin maruu fuula lama lama qaban. Fuula ufii ka nama fakkaatu ka cinaa tokkootiin gara muka meexxi'ii laala; fuulli isaa ka cinaa kaanii ammo ka leenca darmii fakkaatu gara meexxi'ii laala; isaan naannaya mana woyyu'uu irratti kaafamaniiran. Lafa irraa kaasee haga balbala gubba'aa dhaaba manniinii irratti bifa boca mukkiin meexxi'iitii fi ka Kiruubeelii kaasaniiran. Qasatoowwan balbala mana woyyu'uu maruu roga arfan wol qixaa qaban. Seensa mana woyyu'uu afoo hulee ciinca'aa ka muka irraa hojjatame fakkaatutu mudhata; isaan maruu roga wol qixxaayaa afur qaban; ronni maruu ciqilee lama lama; ol dheerinni isaa ciqilee sadihi; utubaawwan roga sanniin irkisu bu'uurrinii fi laddi isaanii maruu muka irraa hojjatame; namichi sun «kun xarapheessaa Rabbiin afo'otti argamu» naan jedhe. Huleen woyyuunii fi huleen woyyittii woyyootaa balbala dachaa qaban. Balballi maruu cufanaa lama lama qaba; kana jechuun balballi maruu cufanaa dhiiba'aa yookaan harkisa'aa gara lamaaniin banama jechu'u. Hulee mana woyyu'uutii fi balbala dhaaba manaa irrattillee boca bifa meexxi'iitii fi fakii Kiruubeelii irratti kaasaniiran; kutaa balbala seensaa ka gara diidaatiin fakii golga bareeda mukaatitu hojjatameera. Dhaaba kutaawwan balbala seensaa gara lachiinuu foddaawwan gara keessaa ol seene boca mukkiin meexxi'ii qaban. Achiin maayessa namichi sun gara bayima itti bayan ka diidaa na fidee gara mana dhaga'aan ka hulee duwwa'aa fi kutaawwan kolba gara kaabaatiin jiruu na geesse. Dheerinni ijaarsa manaa ka gara kaabaatiin jiru ciqilee dhibbaa yoo ta'u dalgi isaa ciqilee shantama. Bayima itti bayan ka keessaa ciqilee diddamaa lufanii kutaawwan bayima itti bayan ka afame ka diidaa kolba wol laaluun kutaawwan gamoo irraa gara gamo'oo ol guddata'aa deemanii gamoo sadihii ta'aniiran. Kutaawwan afoo gara keessaatiin hulee wol bira lufan ka dalgi isaa ciqilee kudhaniitii fi ka dheerinni isaa ciqilee dhibbaatitu jira; huleen seenaniin kolba gara kaabaatiin jira. Kutaawwan gamoo sadeesso'oo kutaawwan gamoo lammeesso'ootii fi kutaawwan lafaa caalaa dhipha'a; kunillee akkuma gamoowwan ol gugurdata'aa deemaniin waan afoon balbalaa badhata'aa deemanii kutaawwan dhiphisaniif. Isaan gamoo sadihiin ijaaramanii akka mana dhaga'aan ijaarame ka bayima itti bayan ka diidaa utubaawwan hin qaban; kanaafuu kutaawwan gamoo gubba'aa, kutaawwan gamoo lammeesso'ootii fi kutaawwan mana lafa irraa caalaa gara keessaa ol siiqan. Kolba kutaawwan dheerinni isaa ciqilee shantamaa gara bayima itti bayan ka diidaa afoo mana dhaga'aan ijaarame tokkotu jira. Kutaawwan kolba bayima itti bayan afoo jiran dheerinni isaanii ka ciqilee shantamaa qaban yoo ta'u kutaawwan kolba mana woyyu'uu jiran ammo dheerinna ciqilee dhibbaa qaban. Kutaawwan gamoo jalaa kolba gara baya biiftu'uutiin bayima itti bayan ka keessaatiin hulee ittiin seenan qaban. Kolba gara kibbbaatiin garuu ladda dheerinna ijaarsa bayima itti bayanii hulee duwwa'aa fi gamoo afoo kutaawwantu jira. Kutaawwan afoo hulee wol bira lufaniintu jira; kutaawwan sunniin akkuma kutaawwan kolba gara kaabaatiin jiranii dheerinni, dalgi, kortoon ittiin ol bayanii fi akkaataan balballan isaanii wol fakkaata. Kanaafuu balballan kutaawwan kolba gara kibbbaatiin jiranii ka ittiin seenaniin gara kolba hulee ittiin wol bira lufan ka gara cinaa baya biiftu'uu gara dhumaatiin jiruutiin. Namichi sun akkana naan jedhe, «kutaawwan hulee duwwaa afoo gara kaabaatii fi gara kibbaatiin jiran ka woyyooman; sababaan woyyoomaniif waan hulee gadoonni gara Rabbii dhiyaatan midhaan woyyoome itti nyaataniif; huleen sunniin waan woyyuu ta'aniif kennaa midhaanii, kennaa waan cubbu'uutii fi ciincaa waan yakkaatiif dhiyaatu keessa kaayan. Gadoonni gara hulee woyyoomee san dhaqanii uffata ittiin tajaajilan haga uffataniin maayessa uffata tajaajilaniin san uduu hin mulqanne gara bayima itti bayan ka diidaa hin bayan; uffanni sunniin waan woyyoomaniiraniif hulee woyyuu sanii bayanii gara hulee bani'ii eeyyamamee uduu hin geenne uffata biraa uffachuu isaan barbaachisa.» Namichi sun kutaawwan mana woyyu'uu ka keessaa haga bikkee raawwateen maayessa gara balbala dallawa baya biiftu'uutiin gad na baase; achiin maayessa inni naannaya diidaa bikke. Ulee waa ittiin bikkan fudhatee kolba gara baya biiftu'uu yoo bikku ciqilee dhibba shan. Achiin maayessa gara kaabaatiinillee hennaa bikku ciqilee dhibba shan. Ka Gara kibbaa yoo bikku ciqilee dhibba shan. Gara dhiya adu'uutiinillee hennaa bikku ciqilee dhibba shan ta'e; ijaarsi mana woyyu'uu fi bakka duwwaa gar gar fooyu dheerinni isaa ciqilee dhibba shan; dalgi isaallee ciqilee dhibba shan ta'e. Namichi sun gara balbala dallawa baya biiftu'uutiin jiruu na fide. Achitti ulfinna Waaqa Israa'eliititu gara baya biiftu'uutii mudhata; laagaan isaa akka laagaa dambalii gudda'aati; ifti ulfinna isaa lafa irratti ife. Mudhanni kun mudhata armaan dura hennaa Rabbi Yerusaalemiin balleessu'uuf natti mudhise arge san fakkaata; mudhanni sun mudhata laga Keebaarii biratti argeen wol fakkaata; ani hennaa san kallachaan lafatti gad kufe. Ulfinni Rabbii kolba balbala dallaya gara baya biiftu'uutiin lufee gara mana woyyu'uu seene. Hafuurri Rabbii ol na fuudhee gara bayima itti bayan ka keessaa na seensise; manni woyyuun ulfinna Rabbiitiin guuttame ture. Achitti namichi sun na bira dhaabateera; Rabbi mana woyyuu keessaa hennaa akkana naan jedhu dhagaye. Inni akkana naan jedhe, «Ilma namaa! manni woyyuun kun ka ani Israa'eliin keessatti baraa haga bara baraa teessoo kiyyaa fi hulee hara itti baafadhu; ammaa achi worri Israa'eliitii fi mootonni isaanii waaqolee tolfamaa waaqeffatu'uu fi hujii hamaa hennaa mootonni isaanii du'an raawwataniin maqaa kiyya arrabsisiisan. Mootonni isaanii hulee irra dhaabatanii fi qasatoowwan mana mootummaa ufii hulee irra dhaabatanii fi qasatoowwan mana woyyuu kiyyatti dhiyeessanii waan ijaaraniif ka mana kiyyaa fi mana isaanii gar gar fooyu dhaabuma manaa ka gama tokkoo callaa ta'eera; hujii hamaa nama jibbisiisu raawwatanii maqaa kiyya woyyuu arrabsisiisaniiran; sababaa kanaaf ani lola kiyyaan isaan balleesse. Ammaa achi waaqolee tolfama'aa sagaduu dhiisu'uu fi hulee kanaa reeffa mootota isaanii balleessuu isaan barbaachisa; yoo isaan waan kana godhan ani baraa haga bara baraa isaan woliin jiraadha.» Ammallee Rabbi akkana naan jedhe, «Ati ilma namaa! akkaataa manni woyyu'uu itti ijaaramu banii Israa'eliititti himi; isaan akkaataa manni itti ijaaramu haa hubatanii; hujii isaanii ka cubbu'uu hubatanii akka saalfatan godhi. Isaan waan godhan sanniinitti yoo ka saalfatanii akkaataa mana woyyuu itti ijaaran, akkaataa itti hundeessan, akkaataa ittiin seenanii fi ittiin bayan, wolii gala ijaarsaa, akkaataa seera ittiin jiraatanii fi waan seera maraatuu isaan hubachiisi; wolumatti qaba'atti akkaataa manni woyyu'uu itti ijaarame hubatanii seera maraa akka raawwachuu danda'an isaan afo'otti barreessi. Seerri mana woyyu'uu kana; naannoofni mana woyyu'uu ka qaccee gaaraa jiru maruu guddisee ka woyyoome ta'a.» Hanni hulee ciinca'aa huleen inni taa'u dheerinni isaa ciqilee tokkoo fi dalgi isaa ciqilee dheeraa tokko yoo ta'u badhinni ladda naannaya isaa taakkuu tokko; ciqileen dheeraan kun ciqilee biraa ciqilee tokkoo fi taakkuu ta'a; kun ol dheerinna hulee ciinca'aati. Bu'uurri lafa irraa jalqabee haga lafa jalaa dheerinni isaa ciqilee lama; dalgi isaa ciqilee tokko hulee irra ol bayaniin diqqa'aa jalqabee haga gudda'aa dheerinni isaa ciqilee afur; dalgi isaa ciqilee tokko. Huleen irra ol bayaniin ka ciincaa irratti dhiyeessan kun dhumti isaa ka gubba'aa ol fageenni isaa ciqilee afur, gaafni hulee ciincaa ka roga arfanuu irra jiran gaadaa hulee ciinca'aa irratti ijaaran gubbaa jiran. Kutaan ibidda itti bobeessan ka roga afur qabu yoo ta'u isaan maruu dheerinna ciqilee kudha lamaa qaban. Huleen irra ol bayaniin ka gubba'aa akkuma kaawwanii roga afurii wol qixa qaba; isaan dheerinna ciqilee kudha afuriitii fi ka dalga ciqilee kudha afurii qaban yoo ta'u wodhakkaan naannaya isaa badhinna wodhakkaa ciqilee tokkoo qaba; naannofni hulee inni irra taa'uu badhinni isaa ciqilee tokko; huleen irra ol bayaniin gara baya biiftu'uutiin jira. Rabbiin maraa olii akkana naan jedhe, «Ati ilma namaa! ‹ciincaa ciincawu dhiyeessu'uu fi isa irratti dhiiga facaasu'uuf hennaa huleen ciinca'aa kun ijaaramu seerri hulee ciinca'aa kana irratti raawwatamu akkana. Worra gosa Leewwi'ii ka fiixaa Saadooqii keessaa dhalatan worra afoo kiyya dhaabatanii tajaajilanii akka isaan ciincaa waan dhiifamsa cubbu'uutiif dhiyeessan jibicha tokko isaanitti kennita› jedha Rabbiin maraa olii. Atillee dhiiga diqqoo fuutee gaafa hulee ciinca'aa ka qaccee roga arfanii irra jiran, roga arfan hulee irra ol bayan ka hulee ciinca'aa irra jiru arfanii fi konoona waan ciincaa irratti dhiyeessanii maraa dibda; akkaataa kanaan hulee ciinca'aa qulqulleessitee woyyoomsita. Korma waan dhiifamsa cubbu'uutiif ciinca'aaf dhiyaate fuutee kaloo mana woyyu'uutiin ala baaftee hulee isaaf qophaayetti gubda. Bariisaa san korbeessa re'e'ee ka mudaa hin qabne tokko fuutee waan dhiifamsa cubbu'uutiif ciincaa dhiyeessita; akkuma dhiiga kormaa goote san dhiiga re'e'ee saniinillee hulee ciinca'aa qulqulleessita. Haga waan kanniin maraa raawwatteen maayessa jibicha tokkoo fi korbeessa hoola'aa tokko ka mudaa hin qabne tika keessaa fuutee, isaan lamaanuu ana Rabbii dhiyeessita; gadoonni haga sooqidda itti firfirsaniin maayessa ciincaa godhanii ana Rabbii dhiyeessan. Haga guyyaa torbaa guyyaa maraa re'ee tokko, tika hori'ii keessaa jibicha tokkoo fi korbeessa hoola'aa tokko ciincaa dhiifamsa cubbu'uutiif dhiyeessita; horiin kunniin maruu horii mudaa hin qabne ta'uu isaan barbaachisa. Akka huleen ciinca'aa sun qulqullaayu haga guyyaa torbaa seera inni ittiin woyyoomu hojjatan; akkaataa kanaan huleen ciinca'aa woyyooma. Haga guyyaan kunniin lufeen maayessa guyyaa saddeetesso'oo irraa jalqabee worri gadootaa ciincaa keessan ka fayyumma'aatii fi ciincaa fayyinna keessanii dhiyeessan; anillee isin irraa fudhadha» jedha Rabbiin maraa olii. Namichi sun gara balbala mana woyyu'uu ka gara baya biiftu'uutitti argamuu na fide; balballi cufameera. Rabbi akkana naan jedhe, «Balballi kun akkuma cufametti hafa malee sirima hin banamu; ani Rabbi Waandhi Israa'elii waan balbala kanatti fayyadamuu hin danda'u; kanaaf akkuma cufametti taa'a. Kun maruu ta'ee bulchaan bani'ii xoroshoo ciinca'aa ka woyyoome nyaachu'uuf achi taa'uu hin danda'a; karaa ittiin wol bira lufan ka qaccee seensa kutaa gara keessaatiin seenee akka bayu isaa hin eeyyamama.» Achiin maayessa namichi sun kolba balbala dallawa gara kaabaatiin mana woyyuu afoo na fide; achi dhaabadhee hennaa laalu manni woyyuun Rabbii ka ulfinnaan guuttameeru arge; ani hennaa san kallachaan lafatti gad kufe. Rabbi akkana naan jedhe, «Ati ilma namaa! waan argituu fi waan dhageettu maraa qalbi'iin hubadhu; ani kunoo seeraa fi ajaja mana woyyu'uu maraa sitti hima; namoonni mana woyyuu keessa akka seenanii fi akka bayan isaanii eeyyamame namoota attamii akka ta'an hubadhu. «Worra Israa'elii ka dhibuun akkana jedhi, ‹Isin banii Israa'elii hujii keessan ka hammeennaa maraa balleessaa'a; Ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera. Isin hennaa coomaa fi dhiiga kennaa nyaataa gootanii naa dhiyeessitan worra naa ajajamuu hin barbaannee fi orma hin gadoomne gara hulee woyyuu kiyya seensiftanii mana woyyuu kiyya batteessitaniirtan; hujii keessan battii maraanuu waadaa kiyya diiddaniirtan. Midhaan kiyya woyyuu seeraan naa hin eenne; isin hulee baallii qabdanitti orma eessiftan» isaaniin jedhi. Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana naan jedha, «Worri ormaa ka naa ajajamuu hin barbaannee fi worri hin gadoomne maruu yoma ka banii Israa'elii keessa jiraatan ta'ellee gara hulee kiyya woyyuu akka seenan isaanii hin eeyyamamu.» Rabbi akkana naan jedhe, «Ani worra Leewwotaa ka banii Israa'elii kaawwan woliin na gananii waaqolee tolfama'aa sagadan hin adaba. Isaan akka balbala mana woyyu'uu eegan, ciincaa ciincawuu fi ciincaa namoonni biraa dhiyeessan qalu'uun akkasuma namoota biraa tajaajila'aa akka hojjatan isaanii eeyyamama. Garuu isaanuu bulchoota seera waaqeffannaa waaqolee tolfama'aa ta'u'uun banii gara cubbu'uu waan masakkaniif adabamuun akka isaan barbaachisu ani ufiin kakadheera.» jedha Rabbiin maraa olii. «Isaan gadumma'aan tajaajilu'uuf gara kiyya hin dhiyaatan; gara kennaa kiyya ka midhaanii ka guddisee woyyoomee hin dhiyaatan; isaan hujii hamaa nama jibbisiisu waan raawwataniif bu'aa hujii sanii ufumaa argatan. Kanaafuu isaan hujii gadumma'aatiin uduu hin taane hujii biraa ka mana woyyuu keessaa maraa akka raawwataniif isaan ramada.» Rabbiin maraa olii akkana jedhe, «Baniin Israa'elii kuuwwan ana gananii hennaa na irraa fagaatan worri gadootaa ka fiixaa Saadooqii irraa dhalatan worri gosa Leewwi'ii ka amanamumma'aan jabaatanii mana woyyuu kiyya keessatti na tajaajilan hin jiran; kanaafuu worri na afoo dhaabatanii coomaa fi dhiiga ciinca'aa dhiyeessu'uun na tajaajilan isaan. Worri na tajaajilu'uuf gara hulee kiyya woyyu'uutii fi gara waan nyaataa kiyya dhiyaatan isaan; isaan ajaja kiyya hin eegan Isaan hennaa balbala dallawaa ka gara keessaatiin mana woyyuu bira geessu seenan uffata gatii gudda'aa ka jirbii irraa hojjatame uffachuu isaan barbaachisa; hennaa mana woyyuu keessatti tajaajilanii fi bayima itti bayan ka keessaatittillee uffata rifeensa hoola'aa irraa hojjatame uffachuu isaan hin barbaachisu. Mataa ufiititti waan jirbii irraa hojjatame haa maratanii; mudhi'itti uffata jirbii irraa hojjatame keessaan haa hidhatanii; waan nama fuursu kamiinuu akka hin hidhanne. Uduu gara bayima itti bayan ka diidaa ka baniin itti argamu hin baaneen dura uffata mana woyyu'uu keessatti ittiin tajaajilama'aa turan san mulqatanii manniin meesha'aa woyyuu keessa kaayanii uffata biraa uffachuu isaan barbaachisa; wonti isaan waan kana godhaniif baniin uffata isaanii ka isaanii hin eeyyamamne tuqanii akka hin miidhamneef. Gadoonni mataa haadachu'uu fi guddisuu isaan hin barbaachisu garuu mataa ufii akka misha'atti haa sirreeffatanii. Worri gadootaa hennaa bayima itti bayan ka keessaa seenan daadhii woyini'ii kamiinuu akka hin dhunne. Namni gadaa ta'e maruu dubartii abbaan worraa jalaa du'e yookaan dubartii abbaa worraa jalaa baate fuudhuun isaa hin eeyyamamu; garuu durba duudaa worra Israa'elii yookaan dubartii abbaan worraa isi'ii gada'aa ka jalaa du'e fuudhuu hin danda'a. Gadoonni banii kiyya waan woyyu'uu fi waan woyyuu hin taane, waan qulqullu'uu fi waan batti'i akka gar gar baafatan isaan haa barsiisanii. Waan seeraatiif hennaan wol morman akka seerri ajajutti worri gadootaa haa murteessanii; akkaataa seeraa fi ajaja kiyyaatiin ayyaannan kiyya, akkasuma guyyaa sambataa woyyoomsa'aa haa eeganii. Gadichi kamuu maatii isaa keessaa namni tokko, ijoollee isaa keessaa tokko yookaan obboleessa isaa yookaan ammo obboleettii isaa ta hin heerumne yoo hin taanee reeffa nama biraa tuqee uf batteessuu isa hin barbaachisu. Yoo waan kana godhe ammo haga qulqullaayeen maayessallee guyyaa torbaa turuu isa barbaachisa. Guyyaa tajaajilaaf gara mana woyyu'uu bayima itti bayan ka keessaatiin seenu waan cubbuu ufiitiif ciincaa haa dhiyeessuu; ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera. «Kun gayee gadootaati; kana jechuun ani gayee isaaniiti; ani gayee isaanii waan ta'eef Israa'eliin keessatti gayeen woyiituu isaanii hin kennamu. Ciincaan midhaanii, ciincaan dhiifamsa cubbu'uutii fi ka dhiifamsa yakkaatiif dhiyaatu nyaata isaanii haa ta'uu; biyya Israa'elii keessatti kennaa anaaf fooyame maraa haa fudhatanii. Midhaan jalqaba argatan, waan hangafa argatanii fi kennaa naa dhiyaate maraa gadoonni haa fudhatanii; baniin hennaa maraa yoo midhaan daakkatan daakuu duraa worra gadootaatii haa kennanii; Ani banii waan kana godhu maraa mana isaanii eebbaan guuta. Gadoonni waan ufiin du'e, yookaan waan busaawaan ajjeese, foon simbiraatii fi ka busaawa'aallee akka hin nyaanne.» Hennaa gosa maraafuu gayee qoodan qoonni tokko ka Rabbii ta'a; dheerinni lafa sanii ciqilee kuma diddamii shaniiti; dalgi isaa ciqilee kuma diddama; naannoon isaa maruu ka woyyoome ta'a. Naannoo kana keessaa dheerinni roga maratuu ciqilee dhibba shanii ta'ee huleen tokko ka roga afurii qabu mana woyyu'uutiif ramadama; badhinni naannaya lafa kanaa hulee duwwaa ciqilee shantamaa qabu qabaata. Naannoon Rabbiif kalame dheerinna ciqilee kuma diddamii shanii, dalga ciqilee kuma kudhaniititu laakkayama; inni hulee kaawwan maraa caalaa filatame ka manni woyyuun itti ijaaramu ta'a. Kun lafa maraa keessaa kutaa woyyoome ta'ee lafa gadoota mana Rabbii keessatti isa tajaajilaniif ka kenname; huleen kun hulee worri gadootaa keessa jiraatanii fi ka manni woyyuun itti ijaaramu ta'a. Lafti hafe gariin ka dheerinni isaa ciqilee kuma diddamii shanii, ka dalgi isaa ciqilee kuma kudhanii ta'e ammo gayee worra leewwotaa ka mana woyyuu keessatti tajaajila gara garaa tajaajilaniif kennama; qachoonni isaan keessa jiraatanillee achumatti ijaaraman. Lafti hulee woyyoometti aanee jiru ka dheerinni isaa ciqilee kuma diddamii shaniitii fi ka dalgi isaa ciqilee kuma shanii qachoota gosa Israa'elii itti ijaaru'uuf itti kalama. Qoonni bulchaa biyyatti'ii hulee woyyu'uu fi kaloo qachatti'iitti aanee gara lamaaniinuu jechuun gara dhiya adu'uutiin haga daangaa biyyatti'ii gaya; gara baya biiftu'uutiin lafa haga daangaa biyyatti'ii gawu kalan; dheerinni isaa gayee gosa tokkoo qoodan gaya. Naannoon kun ilma mooti'ii ka bulchaa Israa'elii ta'uu kennama; achiin maayessa bulchoonni maruu banii miidhuu isaan hin barbaachisu; lafa biyyattii keessatti hafe maraa ammo gosa Israa'eliitii dhiisuu isaan barbaachisa. Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Isin bulchoota Israa'elii! hennaa hedduuf cubbuu hojjata'aa jiraattaniirtan; amma ammo dhiibba'aa fi nama hucuucuu dhiisaa'a! waan qajeela'aa fi waan dhuga'aa hojjadhaa'a! akka baniin kiyya ammallee lafa irraa buqqa'anii baqatan hin godhinaa'a! ka waan kana isinitti himu ana Rabbii maraa oliiti. Namni maruu madaalaa fi waan ittiin bikku ka dhuga'aa, akkasuma waan ittiin safaru ka wol qixaa haa qabaatuu. Ka meeshaa ittiin waa safaran maraa bikku goomoorii haa ta'uu; iifiin waan goga'aan bikkanii fi baatiin waan dhangala'uun bikkan maruu wol qixa ta'uu barbaachisa; akkaataa kanaan goomooriin tokko ganaa kudhanii fi waan dhangala'aan bikkan kudhan woliin wol qixa ta'a. «Wonti isaan bikkan Geeraan diddamaa giraama tokko haa ta'uu giraamiin jahaatamaa saqilii minaanii tokko haa ta'uu. Qamadiin goomoorii ka isin ciinca'aaf dhiyeessitan ganaa jahaa keessaa ganaa tokko garbuu goomoorii maraa ganaa jahaa keessaa ganaa tokko. Dhadhaa keessaallee dhadhaa meeshaa qoroos jedhamu maraa keessaa waan dhangala'uun bikkan kudhan keessaa tokko qoroos tokko, goomoorii tokkoo fi baatii kudhanii jechu'u. Akkasuma tika hoolota worra Israa'elii hoolota dhibba lamaa keessaa ka waan kanaaf ramadame hoolaa tokko; kun ka ciincaa dhiifamsa cubbuu isaaniitiif ka kennaa midhaanii woliin ciincawuu fi ka ciincaa fayyinnaa ta'ee dhiyaatu; ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera. Baniin biyyattii keessa jiraatan maruu waan kana maraa nama Israa'eliin bulchutti kennan. Ciincaa ciincawu, kennaa midhaaniitii fi kennaa waan dhuganii, aayyana jalqaba ji'aa, sambattan, ayyaannan banii Israa'elii keessatti ayyaanteffamuuf waan barbaachisu maraa qopheessuun gayee bulcha'aati; akka dhiifamsa cubbu'uu banii Israa'eliitiif ta'u ciincaa waan cubbu'uutiif dhiyaatu, kennaa midhaanii, ciincaa ciincawuu fi kennaa waan fayyumma'aa qopheessuu isaan barbaachisa. Rabbiin maraa olii akkana jedhe, «Jiini jalqabaa seenee guyyaa duraatitti jibicha tokko ka mudaa hin qabne ciincessu'uun mana woyyuu qulqulleessita. Gadichi dhiiga diqqoo waan ciincaa cubbu'uutiif ciincaye kana fuudhee qasatoowwan mana woyyu'uu, kortoo hulee ciinca'aa, roga arfanii fi qasatoowwan balballan dallawaa ka gara bayima itti bayan ka keessaa diba. Cubbuu namni kamuu uduu hin yaannee fi uduu hin beenne hojjate maraafuu guyyaa torbeesso'ootitti akkasuma goota; akkaataa kanaan akka manni woyyuun woyyoomu goota. Jiini jalqabaa seenee guyyaa kudha arfeesso'ootitti ayyaanteffattan; hennaa ayyaana kana ayyaanteffattan haga guyyaa torbaa xoroshoo raacitii hin qabne nyaattan. Guyyaa ayyaanaa ilmi mooti'ii ka baallii qabu waan dhiifamsa cubbuu ufiitii fi ka bani'iitiif korma qopheessa. Guyyaa ayyaanaa torban ayyaanni itti ayyaanteffatamu maraafuu korommii torbaa ka mudaa hin qabnee fi korbeeyyii hoolotaa torba ka ciincaa Rabbiitiif dhiyeessan qopheessa; korbeessa re'e'ee tokko ka kanniin woliin dhiifamsa cubbu'uutiif ciincaa ta'u qopheessa. Hennaa kormi maraa fi korbeeyyiin ciincayan midhaan hammaaranii ganaa tokko tokkootii fi sayitii ejersaa liitirii sadihi sadihiititu kanniin maraa woliin dhiyaata. Ayyaana daasee keessatti ayyaanteffatan ka jiini torbeesso'oo seenee guyyaa kudha shaneesso'ootitti ayyaanteffamuuf ilmi mootii ejersaa guyyaa torbanittuu ciincaa ciincawuu fi ciincaa waan cubbu'uutiif dhiyaatu kama wol fakkaatu qopheessa; ciincaan midhaaniitii fi ka sayitii ejersaa akkaatama tokkoon dhiyaata.» Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Balballi gara baya biiftu'uutiin bayima itti bayan ka keessaa fidu guyyaa huji'ii jahanuu cufaa ta'uu isaan barbaachisa; guyyaa Sambataatii fi guyyaa jalqaba ji'aa ammo hin banama. Ilmi mooti'ii kutaa seensaatiin gara bayima itti bayan ka keessaa seenee qasatoo balbala dallawaa bira dhaabata; gadoonni ammo ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa ka inni qopheesse dhiyeessan; ilmi mooti'ii hulema dhaabatan irra uduma jiru achumatti sagada; achiin maayessa hin baya; balballi dallawaa ammo haga halkanii hin cufamu. Sambata maraa fi jalqaba ji'aa marattuu baniin maruu kolba balbala seensa baya biiftu'uu jirutti Rabbii haa sagadanii. Ilmi mooti'ii guyyaa Sambataa maraa ciincaa ciincawuu fi ilmoolee hoola'aatii fi korbeeyyii hoola'aa ka mudaa woyiituu hin qabne jaha Rabbiif haa dhiyeessuu. Korbeeyyii hoola'aa maraa woliin midhaan ganaa tokko haa fiduu; akkasuma ilmoolee hoola'aa woliin haga barbaade haa fiduu; ciincaa ganaa tokkoo ka dhiyaatu maraa woliin sayitii ejersaa liitirii sadihii haa fiduu. Guyyaa jalqaba ayyaanaa marattuu jibicha tokko, ilmoolee hoolotaa jahaa fi korbeessa hoola'aa tokko ka mudaa hin qabne haa fiduu. Korommii maraa fi korbeeyyii hoola'aa maraa woliin kennaa midhaanii ganaa tokko tokko haa fiduu; akkasuma kennaan ilmoolee hoola'aa maraa woliin dhiyaatu ilmi mooti'ii haguma ufii kennuu barbaade haa kennuu; daakuu ganaa tokkoo maraa woliin sayitiin ejersaa liitirii sadihii woliin haa dhiyaatuu. Ilmi mooti'ii karama ol seene saniin haa bayuu. Baniin guyyaa ayyaanaa kamuu hennaa Rabbii sagadu'uuf dhufan worri balbala dallawa gara kaabaatiin seenan balbala dallawa gara kibbaatiin haa bayanii; worri balbala dallawa gara kibbaatiin seenan balbala dallawa gara kaabaatiin haa bayanii; namni kamuu balbala seeneen hin bayin; ammo balbala biraa ka kolba balbala seeneetiin afoo jiruun bayuu isa barbaachisa. Ilmi mooti'ii hennaa baniin seenu seenee hennaa isaan bayan haa bayuu. Guyyaa ayyaannan gugurda'aa fi didiqqa'aallee kennaan midhaanii ka korommi'ii fi korbeeyyii hoola'aa maraa woliin dhiyaatu ganaa tokko haa ta'uu; namni Rabbii sagadu maruu ilmoo hoola'aa maraa woliin haguma ufii barbaade haa dhiyeessuu; kennaa ganaa tokkoo maraa woliin haa dhiyaatuu. Ilmi mooti'ii tokko ka baallii qabu hennaa ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa fedha ufiitiin Rabbii dhiyeessuu barbaade balballi gara baya biiftu'uutiin bayima itti bayan ka keessaa fidu haa banamuufii; kennaan inni dhiyeessullee akka kennaa Sambataa itti raawwataniititti haa raawwatamuu; inni haga bayee deemeen maayessa balballi haa cufamuu.» Rabbi akkana jedha, «Ilmi mooti'ii ganama maraa ciincaa ciincawu ka Rabbiif dhiyaatu ilmoo hoola'aa ka mudaa hin qabne ka woggaa tokkoo qopheessuu isa barbaachisa. Isa woliin ganama maraa uduu wol irraa hin kunne kennaa midhaanii kiiloo lamaa fi sayitii ejersaa liitira tokko ka daakuu misha'aan sukkuumu qopheessa; kun seera hennaa maraa ta'u. Ilmoon hoola'aa, kennaa midhaaniitii fi ciincaan akkataa kanaan ganama ganama dhiyaata.» Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ilmi mooti'ii ka baallii qabu gayee ufii qoodee ijoollee ufii keessaa nama tokkoo yoo kenne gayeen sun ka isaatii fi ka maatii isaa ta'a. Ilmi mooti'ii ka baallii qabu ammo gayee ufii qoodee hojjattoota ufii keessaa nama tokkoo yoo kenne ayyaana Iyyoobeeliyyu'uu ka woggaa shantameesso'ootti naannayee dhufutti ilma mooti'ii sanii haa deebi'uu; lafti sun ka isaa waan ta'eef baraa haga bara baraa ka isaatii fi ka ijoollee isaa ta'uu barbaachisa. Ilmi mooti'ii ka baallii qabu gayee bani'ii hunnaan fudhatuu isa hin barbaachisu; lafti inni ijoollee ufiitiif qoodee kennu lafuma isaaf qoodamee kenname callaa ta'uu barbaachisa; akkaataa kanaan gayee banii kiyyaa hunnaan fudhata'aa banii kiyya hin miidhin.» Achiin maayessa namichi sun kolba balbala seensaatiin kutaawwan gadoota woyyuu maxxana gara kaabaatiin na fide; kutaawwan san keessa gara dhuma dhiya adu'uutiin hulee tokko arge. Inni akkana naan jedhe, «Huleen kun kutaa worri gadootaa foon ciincaa dhiifamsa cubbu'uu itti affeelanii fi buddeena ciinca'aa itti godhan; akkaataa kanaan akka baniin hin miidhamneef ciincaa woyyoome maraa keessaa ciincaan tokkollee gara bayima itti bayanii hin bawu.» Achiin maayessa namichi sun gara bayima itti bayan ka diidaa na fidee roga arfan irra na naannesse; ronni maruu bayima itti bayan tokko qaba. Bayimni itti bayan didiqqaan roga arfan irra jiru maruu wol qixa; isaan maruu dheerinna ciqilee afurtamaatii fi dalga ciqilee soddomaa qaban. Naannofni bayima itti bayan arfanuu gara keessatiin ijaarsa dhaga'aa gaggabaabaa qaban; ijaarsa dhaga'aa sanniin jala girgiraa ibiddaatitu jira. Namichi sun, «Kunniin maruu kutaawwan tajaajiltoonni mana woyyu'uu ciincaa baniin dhiyeessuu itti bilcheessan.» naan jedhe. Achiin maayessa namni sun gara seensa mana woyyu'uu na fide; achitti bisaan mana woyyuu hulee irra dhaabatan jala yaa'a; kunillee waan balballi mana woyyu'uu gara baya biiftu'uu naannayeef; bisaan gara cinaa kibba mana woyyu'uutiin kolba hulee ciinca'aa ka irra dhaabataniitiin gara kibbaa yaa'a. Namichi sun kolba balbala dallawa gara kaabaatiin mana woyyuu keessaa na baasee balbala dallawa gara baya biiftu'uu laalu na naannesse; balbala dallawaa gara kibbbaatiin bisaan gara baya biiftu'uu yaa'a. Namichi sun haada bikkuun ka harkaa qabuun bisaan gara baya biiftu'uu yaa'u san hordofa'aa ciqilee kuma tokko laakkaye; bisaan san keessa deema'aa akka ceeyu na taasise; bisaan sun haga koome'ee na gaye. Ammallee ciqilee kuma tokkoo bikkee akka bisaan irra deemu na taasise; bisaan jilba na gaye; ammallee ciqilee kuma tokko bikkee bisaan keessa akka deemu na taasise; bisaan sun haga mudhi'ii na gaye. Ammallee achi lufee ciqilee kuma tokkoo bikke; bisaan sun guddisee xiillaa waan ta'eef laga ani ceeyuu hin dandeenne ta'e; bisaan sun ka namni irra deemuu hin dandeennee fi daaka'aaf garuu guddisee xiilla'a. Namichi sun «ati ilma namaa! waan kana maraa qalbi'iin hubadhu» naan jedhe; achiin maayessa namichi sun gara qarqara galaanaa na deebise. Akkuma achi gayeen galaana bita'aa fi mirga yoo laalu mukkiin hedduu achitti arge. Inni akkana naan jedhe, «Bisaan kun lafattii keessa gara baya biiftu'uutiin gara dhooqa Yoordaanosiitii fi gara galaana du'aa yaasa; hennaa gara galaana du'aa yaa'u galaanni sooqiddaa haarawoomee bisaan mishaa ta'a. Huleen bisaan yaa'u maraa busaayaa gara garaatii fi qurxummii heddutu argama; bisaan lagaa ka yaa'u waan galaana du'aa keessatti argamu maraa qulqulleessee haarawoomsa; hulee yaa'u marattuu jireenna kenna. Worri qurxummii qabu Eengaadii jalqabee haga Eeneglaayii ka'anii dhaabatan; huleen sun hulee woshaadoo itti dhaaban ta'a; qurxummii akka galaana Meeditiraaniyaanii keessatti argamuutitu galaana kana keessatti argama. Leephoonii fi ka bisaan jalatti ititu ammo ka sooqiddi jalatti kuufamu ta'ee hafa malee bisaan qulqulluu hin ta'u. Qarqara bisaanii gamaa gamanatti biqiltuu adda addaa ka nyaataaf fayyadantu jira; baalli isaanii hin gogu; daraaraa daraaruu hin dhiisan; bisaan mana woyyu'uu jala yaa'u waan argataniif ji'uma ji'aan daraaraa haarawa daraaran; daraaraan mukkiinii nyaataaf; baalli isaanii qorsoomaaf nama fayyada.» Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Daangaan lafaa ka gosa Israa'elii kudha lammanii qooddu kana; gofti Yooseefii gayee lama qabaata. Ani abboota teessan ta duriitii lafa tana isaanii kennu'uuf kaku'uun waadaa isaanii gale; ammallee isin maruu wol qixa qoodamaa'a; lafti tun gayee teessan taati. Daangaan lafaa kolba galaana Meeditiraaniyaanii gara kaabaatii ka'ee gara Heetiloonii, gara kolba Haamaatii hulee ittiin wol bira lufanii, gara Tseedaadii, Gara qachoota Tseebiraayimiitii fi Beerootaa ka Damaasqo'oo fi Haamaatiin jidduu jiranii, gara daangaa Hawuraanitti argamtuu qachaa Tiikooniitiin gara baya biiftu'uu lufa. Akkaataa kanaan daangaan lafaa galaana Meeditiraaniyaaniitii ka'ee haga Hatsar'enoonii daangaa Damaasqo'ootii fi Hamaatii lufee haga hulee gara kaabaa gaya. Daangaan baya biiftu'uu daangaa biyya Damaasqo'ootii fi Hawuraanii jidduu lufee kolba galaana Meeditiraaniyaaniitiin Gili'aadii fi biyya Israa'elii keessa lufee galaana du'aatii fi Taamaariin gaya; kun daangaa gara baya biiftu'uuti. Daangaan gara kibbaa Taamaarii ka'ee haga Qaadeesii Mariba'aati, achiillee ka'ee dhooqa biyya Misiriitii haga galaana Meeditiraaniyaanii gaya; kun daangaa gara kibbaati. Daangaan gara dhiya adu'uu daangaa galaana Meeditiraaniyaani'iitii ka'ee haga seensa Haamaatii gaya; kun daangaa dhiya adu'uuti. Lafa tana gosa Israa'eliititu qoodame. Ristii baraa haga bara baraa isinii haa taatu; worri ormaa ka isin keessatti ijoollee horanii jiraatan hennaa isin lafa qoodamtan isaanillee gayee ufii haa argatanii; akkuma nama Israa'elii tokkootitti laallamanii gosa Israa'elii ka lafa qoodamu woliin hixaa isaanii buusuu barbaachisa. Namni Israa'eliin keessa jiraatu ka biyya alaa maruu worra banii Israa'elii ka woliin jiraatan woliin gayee ufii haa argatuu; ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera» jedha. Gofti lafa qoodamu'uuf galmaayan kanniin; gofti Daanii lafa gara kaabaatiin jiru tokko argatan; lafti tun karaa seensa Haamaatii gara Heetlooniitiin, achiillee kutaa gara kaabaa Damaasqo'oo fi Hatsari'eerii ka'ee haga daangaa Daanii gara baya biiftu'uutii jalqabee haga dhiya adu'uu gayee ufii argata. Gofti Aseerii lafa gosa Daaniititti aanee lafa gara baya biiftu'uutii jalqabee haga dhiya adu'uu jiru gayee ufii argata. Gofti Niftaalemii daangaa gosa Aseeriititti aanu baya biiftu'uutii haga dhiya adu'uu gayee ufii argata. Gofti Minaase'ee lafa daangaa gosa Niftaalemiititti aanu baya biiftu'uutii jalqabee ka haga dhiya adu'uu jiru gayee ufii argata. Gofti Efreemii lafa gosa Minaase'eetitti aanu baya biiftu'uutii jalqabee ka haga dhiya adu'uu jiru gayee ufii argata. Gofti Roobeelii lafa daangaa gosa Efreemiititti aanu baya biiftu'uutii jalqabee ka haga dhiya adu'uu jiru gayee ufii argata. Gofti Yihuuda'aa lafa daangaa gosa Roobeeliititti aanu baya biiftu'uutii jalqabee ka haga dhiya adu'uu jiru gayee ufii argata. Isin hulee lafa Yihuuda'aatiin wol qabate tokko qooddanii keettan; dheerinni hulee sanii ciqilee kuma diddamii shan; lafti kun gayee gosa biraatiinillee bayan biiftu'uutii jalqabee haga dhiya adu'uu wol qixa ta'a; huleen manni woyyu'uu itti argamu wodhakkaa kana. Lafa kanniin keessaa lafti takka ta dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shaniitii fi dalgi isi'ii ciqilee kuma diddamaa ta Rabbiif woyyoomte taati. Worri gadootaa lafa woyyoome kana keessaa lafa argatan; lafti isaan argatan baya biiftu'uutii haga dhiya adu'uu dheerinna ciqilee kuma diddamii shaniitii fi dalga ciqilee kuma kudhanii argatan; manni woyyuun Rabbii jidduu san ta'a. Huleen kun gadoota fiixaa Saadooqii keessaa worra dhalataniif ka addaan baye ta'a; hennaa worri Israa'elii martinii fi worri Leewwotaa kuuwwan na dhiisanii olii gad tatayyaran ijoolleen ammo ajaja kiyya irraa uduu hin fagaanne eega'aa worra jiraatan. Hulee woyyoome keessaa huleen kun hulee isaaniiti; huleen kun daangaa worra Leewwotaatiin wolitti maxxana. Hulee gadootaa kana ladda lafa worra Leewwotaa ka ciqileen isaa kuma diddamii shaniitii fi ka dalgi isaa kuma kudhaniititu jira; wolumatti qaba'atti lafti isaanii ka worra gadootaa woliin dheerinna ciqilee kuma diddamii shaniitii fi ka dalgi isaa ciqilee kuma diddamaatitu jira. Huleen Rabbiif kalamu lafa biyyattii keessatti argamu maraa caalaa hulee michu'u; lafa san keessaa ka qoodamee gurguramuu fi ka jijjiiramu, yookaan ka eennuufillee dhaalaan lufu hin jiraatu; inni ka Rabbiif woyyoomee adda baye. Hulee adda baye kana keessaa huleen addaan qoodamee hafu dheerinni isaa ciqilee kuma diddamii shaniitii fi dalgi ciqilee shan; lafa kana banii maratu itti fayyadama; hulee mana itti ijaaratanii fi hulee horii itti bobbaafatan ta'a; qachattiinillee jidduu sanitti ijaaramti. Lafattiin tun roga afur qabdi; ronni isi'ii maruu wol qixa; dheerinni roga maraatuu ciqilee kuma afurii fi dhibba shan ta'a. Qachattiin gara arfaniinuu hulee horii itti bobbaafatan qabdi; badhinni hulee horii itti bobbaafatan ka hulee maraatuu ciqilee dhibba lamaa fi shantama. Lafa woyyoome kana keessaa gara baya biiftu'uutiin lafti ciqilee kuma kudhaniitii fi gara dhiya adu'uutiin lafti ciqilee kudhanii qoodamee haga qachattiin itti ijaaramteen maayessa lafti hafu maasaa banii qachaa san keessa jiraatuu ta'a. Namni gosa kamiin keessattuu dhalate ka qachattii san keessa jiraatu maruu lafa san qotachuu danda'a. Huleen woyyuun lafa wodhakka'aa jirtu wolumatti qaba'atti dheerinni roga maraatuu hulee qachattiin itti ijaaramte woliin ciqilee kuma diddamii shaniiti. Kutaan hulee woyyu'uu fi qachattii jiddu'utti hafe ka ilma mooti'ii ta'a; lafti tun kolba gara baya biiftu'uutiin daangaa hulee woyyu'uutii ciqilee kuma diddamii shaniitii jalqabee haga hulee lafti itti dhaabattuuti; gara kolba dhiyaatiinillee daangaa ciqilee kuma diddamii shaniitii jalqabee haga daangaa lafti itti dhaabattuuti; dheerinni lafa bulcha'aa dheerinna lafa gosa kaawwaniitiinillee woluma qixa; akkaataa kanaan isaan mana woyyu'uu fi hulee woyyuu jidduu jiraatan jechu'u. Akkasuma lafti Leewwotaatii fi huleen qachattiin itti ijaaramte baya biiftu'uu irraa jalqabee haga dhiya adu'uu lafa bulcha'aa jiddu'utti argama; daangaa lafa Yihuuda'aa gara kibbbaatiin garuu lafa Biiniyaamiitiin daangeffama. Gosa hafe kaawwaniifillee akkaataan lafa itti qoodan akkana; Biiniyaam lafa baya biiftu'uu irraa jalqabee haga dhiya adu'uu geettu gayee ufii argata. Simoon baya biiftu'uutii jalqabee haga dhiya adu'uu lafa gara lafa Biiniyaamiititti aantu gayee ufii argata. Yisaakoor baya biiftu'uu irraa jalqabee haga dhiya adu'uu lafa gara lafa Simooniititti aantu gayee ufii argata. Zaabiloon baya biiftu'uu irraa jalqabee haga dhiya adu'uu lafa gara lafa Yisaakooriititti aantu gayee ufii argata. Gaad baya biiftu'uu irraa jalqabee haga dhiya adu'uu lafa gara lafa Zaabilooniititti aantu gayee ufii argata. Daangaan Gaadii ka gara kibbbaa qachaa Taamaarii ka gara kibbaatii jalqabee haga burqaa bisaanii ta Qaadeesii Mariibaa keessatti argamtuu keessa lufee laga biyya Misirii biraan lufee haga galaana Meeditiraaniiyaanii gaya. Rabbiin maraa olii lafti isin akkaataa kanaan gosa Israa'elii maraa qooddan tana» jedhee dubbate. Gara baya biiftu'uutiin dheerinna ciqilee kuma afurii fi dhibba shan qaba; balballan sadiin roga sanniin irra jiran irratti maqaa Yooseefii, Biiniyaamiitii fi ka Daanii itti moggaasaniiran. Kolba gara kibbaatiin dheerinna ciqilee kuma afurii fi dhibba shanii qaba; Balballan sadiin roga sanniin irra jiran irratti maqaa Simoonii, Yisaakoorii, fi Baabiloonii irratti moggaasaniiran; Gara dhiyaatiin dheerinni ijaarsa qachatti'ii ciqilee kuma afurii fi dhibba shan; balballan sadiin roga kanniin irra jiran maqaa Gaadii, Aseeriitii fi ka Niftaalemii itti moggaafameera. Dheerinni balballan dallawa qachatti'ii ka roga arfaniin jiru ciqilee kuma kudha saddeetii ta'a; maqaan qachattiin ammaa achi ittiin waamamtu «Rabbi achi jira!» ka jedhu ta'a. Iyyo'aaqeem Yihuudaa irratti mooyee woggaa sadeesso'ootitti Nabukadanatsoor mootiin Baabiloonii Yerusaalemiin dhaqee marse. Rabbi mootii Yihuuda'aa Iyyo'aaqeemiif meeshaa woyyuu mana woyyuu keessaa garii Nabukadanatsoorii dabarsee kenne; mootichi qabeenna woyyuu sanniin fuudhee mana qabeenni waaqoleen tolfamaan isaa taa'u keessa fidee kaaye. Achiin maayessa mootiin Nabukadanatsoor bulchaa hojjattoota mana mooti'ii ka Ashfanaaz jedhamuun worra Israa'elii ka booji'aman keessaa maatii worra moototaatii fi dargaggeeyyii ilmaan moototaa keessaa namoota hagoo waamee akka fidu isa ajaje. Ka'imman filataman sunniin worra mana mootumma'aa keessatti akka hojjachuu danda'an worra babbareeddan, ogeeyyii'i, worra hubannaa qaban, worra waa maraa dafanii hubatuu danda'anii fi worra qaama guutu'uu ta'uu isaan barbaachisa; akkasuma akka inni afaan worra Baabilooniitii fi akkaataa barreeffamni itti barreeffamu akka isaan barsiisu isaan ajaje. Mootichi nyaata ufii nyaatuu fi ka ufii dhugu irraa akka isaanii kennamu ajaje; akkaataa kanaan woggaa sadihiif haga leenji'aniin maayessa mooticha afoo dhiyaatanii hujii mana mootumma'aa akka hojjachuu jalqaban murtaaye. Worra filataman keessaa worra gofti isaanii gosa Yihuuda'aa ta'e Daani'eel, Hanaaniyaa, Misaa'elii fi Azaariyaa fa'a. Bulchaan hojjattoota mootichaa maqaa isaanii jijjiiree Daani'eeliin Bilxaasoori, Hanaaniyaa Sidiraaq, Misaa'eliin Misaaq, Azaariyaa ammo Abdinaagoo jedhee isaanitti baase. Daani'eel nyaata mootichaa nyaachu'uu fi daadhii woyinii isaa dhugee akka hin battoofne kutate; Ashfanaaz akka maarre isaa jedhu kadhateen, Rabbi Daani'eelii namicha baallii qabu san afo'otti gaachena kennee garaa isaa laaffise. Ashfanaaz ammo waan mooticha sodaateef Daani'eeliin «Ka waan isin nyaattanii fi dhuddan ajaje mooticha; isin yoo ka'imman kaawwan caalaa huqqattanii bifaa fi biifa dhabdaniirtan isin arge, gooftaan kiyya mootichi na ajjeessinnaa sodaadha» jedheen. Achiin maayessa Daani'eel nama Ashfanaaz akka isaa fi goshoota isaa Hanaaniyaa, Misaa'elii fi Azaariyaa fa'a eegu ramadame bira dhaqee, «Akka nu'u biqiltuu gara garaa nyaata'aa bisaanillee dhuga'aa nu'u hojjattoonni tee guyyaa kudhaniif akka turru nu laali. Achiin maayessa akkaataa jireenna keennaa ka'imman nyaata mana mootichaa nyaatanii fi nu'u wol bira qabdee nu laalta; waan argitee hubatteen nu'u tajaajiltoota tee akkaataa itti nu argiteen waan barbaadde goota» jedheen. Ka isaan eegullee yaada isaanii fudhatee guyyaa kudhaniif isaan qore. Haga guyyaan kudhanii sun dhumeen maayessa isaan ka'imman nyaata mana mootichaa nyaatan maraa caalaa fuulli isaanii bareedee, nafti isaaniillee furdatee isaan arge. Hennaa san irraa jalqabee ka isaan eegu nyaata misha'aa fi daadhii woyini'ii ka mana mootichaatii isaanii ergamu hambisee nyaata biqiltuu gara garaa isaanii kennisiisuu jalqabe. Rabbi ka'imman arfan kanniinii ogummaa maraa, haala barreeffamaa, beekkumsaa fi hubannaa kenne; Daani'eel ammo isaan keessaa dandeettii mudhata argu'uutii fi eebjuu hiiku'uu qaba. Woggaa sadiin mootichi murteesse sunniin haga raawwate Ashfanaaz ka'imman sanniin maraa fuudhee mooticha afoo isaan fide. Mootichi hennaa isaan maraa qaassu isaan maraa keessaa namni Daani'eeliin, Hanaaniyaa, Misaa'elii fi Azaariyaa caalu hin argamne; kanaafuu akka isaan mooticha afo'otti tajaajilaaf filataman. Gaafii mootichi waan ogumma'aatii fi waan hubanna'aa worra moruu fi worra asmaa hojjatu ka bulchiinsa isaa keessa jiran maraa keessaa isaan worra harka kudhaniin caalan ta'anii argaman. Akkaataa kanaan Daani'eel Qiroos mooyee haga woggaa tokkoo mana mootumma'aa keessatti tajaajile. Nabukadanatsoor mooyee woggaa lammeesso'ootitti eebjuu argee guddisee hucuucamee hirriba dhabe. Kanaafuu inni worra moran, worra asmaa kataban, worra mita hojjatanii fi worra Kalaadaawotaa ka urjii laakkayan akka gara isaa dhufanii eebjuu inni arge akka isatti himaniif akka isaan waaman ajaja dabarse; isaanillee dhufanii isa afoo dhaabatan. Mootichi, «Ani waan eebjuu eebjodhee, eebjuun eebjodhe sun maal akka ta'e haga beekutti guddisee hucuucameera» isaaniin jedhe. Isaan mootichaan, «Mooti'ii! bara baraan jiraadhu; eebjuu kee nutti himi nu ammo hiikkaa isaa sitti himnaa» jedhanii afaan worra Sooriya'aatiin isaa deebisan. Mootichi deebisee «isin jalqaba eebjuu kiyya, itti aansa'aatii hiikkaa isaa natti himaa'a; yoo isin kana hin goone ammo akka harkaa fi miilli keessan mummuramuu fi akka manni keessan diiggamee tuulaa diiggamee ta'u murteesseera. Yoo eebjuu kiyya hiikkaa isaa woliin dandeettanii natti himtan ammo badhaasaa fi kennaa ulfinnaa guddaa woliin akka argattan isin taasisa; kanaafuu eebjuu hiikkaa woliin natti himaa'a» isaaniin jedhe. Isaanillee «mootii keenna! eebjuun kee maal akka ta'e nu'u tajaajiltoota teetitti himi; nullee hiikkaa isaa sitti himnaa» jedhanii deebisaniif. Mootichi haga waan kana dhagaye, «Isin akka ani murtii jabaa murteesse waan beettaniif karoorri keessan waan kana tursiisuu akka ta'e beekeera. Isin yoo eebjuu natti himuu dadhabdan isin maraafuu adabbima tokkotu isinii qophaayeera; isin waan haalli jijjiiramu seetanii dubbii sobaatii fi dubbii dharaa dubbata'aa hennaa dheeressuu barbaaddan, kanaafuu uduu eebjuu natti himtanii akka hiikkaanillee isin hin rakkifne hin beeka» jedhee isaanii deebise. Worri Kalaadaawotaa ka urjii laakkayanillee deebisanii «Mootii keenna waan ati beekuu barbaaddu kana namni sitti himuu danda'u adunyaa irra hin jiru; mootiin tokko yoma hagamillee gudda'aa fi jabaa ta'ellee gaafii akkanaa kana worra moru, worra asmaa katabuu fi worra urjii laakkayu gaafatee hin beeku. Mootii keenna! gaafii ati gaafatte guddaa kana waaqolee tolfamaa malee ka deebii sii deebisuu danda'u hin jiru; waaqoleen tolfamaan ammo worra nama woliin jiraatanii miti» jedhaniin. Hennaa san mootichi guddisee aaree lolee ogeeyyiin Baabilooniin keessa jiran maruu akka ajjeefaman ajaje. Ajaja akka ogeeyyiin du'aniif bayeetiin Daani'eelii fi goshoota isaallee wolumaan ajjeesu'uuf soqan. Namni akka murtiin sun hujii irra ooluuf ramadame Aariyookii ajajaa kabajjamaa worra balbala mootichaa eeguuti; kanaafuu Daani'eel isa bira dhaqee malaan isa qaassee «Mootichi attamitti murtii jabaa kana murteesse?» jedhee isa gaafate; Aariyookillee waan san ibsee itti hime. Daani'eel yoma san mooticha bira ol seenee eebjuu hiiku'uuf akka inni hennaa isaa kennu isa kadhate. Achiin maayessa Daani'eel gara mana ufii deemee waan ta'e maraa goshoota ufii Hanaaniyaa, Misaa'elii fi Azaariya'atti hime. Inni isaan worra ogeeyyii Baabiloonii woliin akka hin ajjeefamne Waandhi Sami'ii akka isaanii araaramuu fi dhossaa maraa akka isaanii ibsu akka isa kadhatan isaan qaabsise. Halkanuma san dhossaan eebju'uu sun Daani'eelitti mudhate; kanaafuu inni Waaqa sami'ii Ogummaanii fi hunnillee ka isaa waan ta'eef Rabbii baraa haga bara baraa galanni haa ta'u! Inni henna'aa fi ji'oota wol jijjiira; mootota teessoo isaanii irra kaaya; teessoo ulfinnaa irraallee hin buusa; ogummaa ogeeyyi'ii, beekkumsa worra waa hubatuu isatu kenna. Inni waan dhossaa keessi fago'ootii fi waan dhokate maraa hin mudhisa; hennaa maraa isa bira ifti waan jiruuf, waan dukkana keessatti dhokate maraa hin beeka. Waaqa abboota tiyya ta durii! galanni si haa gawu; si kabajja; Ati ogumma'aa fi hunna naa kenniteerta; ee, ati kadhaa keenna nuu dhageettee eebjuu mootichaa nuu ibsiteerta» jedhee galatoonfate. Achiin maayessa Daani'eel gara Aariyookii ogeeyyii Baabiloonii akka ajjeesuuf mootichi ajaja itti kenne bira dhaqee «Ogeeyyii Baabiloonii hin ajjeesin, bikka san gara mootichaa na fidi; ani hiikkaa eebju'uu itti himaa» jedheen. Yoma san Aariyook Daani'eeliin gara mooticha Nabukadanatsoorii isa fidee «Mootii kiyya! nama hiikkaa eebju'uu sitti himu worra biyya Yihuuda'aa keessaa booji'aman keessaa nama tokko argeera» jedhee mootichatti hime. Mootichillee Daani'eelii Bilxaasoor jedhamuun «Eebjuu ani eebjodhe hiikkaa isaa woliin natti himuu dandeettaa?» jedhee isa gaafate. Daani'eel «mootii kiyya! waan dhossa'aa ka ati gaafatte ogeeyyiin, worri moru, worri asmaa katabuu fi worri mita hojjatu sitti himuu hin danda'an. Ka waan dhossa'aa maraa ibsu ammo Waandhi tokkichi samii jira; inni waan durana ta'u'uuf ta'u maraa sii ibseera; eebjuun ati siree kee irra uduu ciifteertu eebjottee fi mudhanni mataa kee keessa jiru kana. «Mootii kiyya! ati siree kee irra ciiftee waan durana ta'u dhudhuma'aa turte; kanaaf Waandhi waan dhossa'aa ibsu waan durana ta'u'uuf ta'u sitti beessise. Wonti dhossa'aa kun ka natti mudhateef namoota kaawwan irra waan ani ogeessa ta'eefii miti; akka ati hiikkaa eebjuu keetii beettuu fi yaada sammuu kee keessatti dhudhuma'aa turte akka hubatuu dandeettuuf. «Mootii kiyya! ati fakii guddisee caalalaquu fi ka guddisee calanqisu ka yoo laalan nama sodaachisu ka si afoo dhaabateeru argite, Mataan fakii sanii worqii qulqulluu'u, qomtinii fi harki isaa meetii irraa, garaanii fi gudeenni sibiila diimaa irraa Mogoleen isaa sibiila irraa, wodhakkaan luka isaa sibiila irraa, wodhakkaan ammo faara irraa hojjataman; Uduma ati fakii san laala'aartu dhagaan guddaan uduu harki namaa hin tundhe gubba'aa fottoqee bu'ee luka lamaan luka faki'ii ka sibiilaa fi faara irraa hojjatametti bu'ee caccabse. Sibiilli, faarri, sibiilli diimaan meetii fi worqiin maruu akka buraa hennaa bonaa ka oobdii irraatitti bullaaye; uduu womaa hin hafne bubbeen haxaayee fudhate; dhagaan fakii irratti bu'e ammo lafa irratti ol guddatee haga gaaraa gaye. «Hiikkaan eebju'uullee akkana, Mootii kiyya! ati mootii mootota maraa caaltu, Waandhi sami'ii mootumma'aa fi hunna, baalli'ii fi ulfinnallee sii kenneera. Bulchaa biyya maraa si taasiseera; nama, busaawa'aa fi simbirran irratti baallii sii kenneera; kanaafuu mataan worqii sanii si'i. Siin maayessa mootiin sii gadii akka kee gurra dhagayatu hin mooya; isatti aanee mootiin adunyaa bulchu ka sibiila diima'atti fakkeeffamu sadarkaa sadeesso'ootitti mooya. Ammaallee mootiin arfeesso'oo ka waan maraa caccabsuu fi bulleessu, ka akka sibiilaa jabaatu hin mooya; akkuma sibiilli waa maraa caccabsee bulleessu innillee mootota isaan dura jiran maraa caccabsee bulleessa. Ati fakii lukaa fi qubbiin lukaa wodhakkaan sibiila irraa, wodhakkaan ammo faara irraa hojjatame akka ta'e argiteerta; kun akka mootummaan sun gar gar qoodame akka ta'e mudhisa; akkuma sibiilli faaraan wolitti makamee argite cina'aan mootummaan sunillee akka sibiilaa jabaata. Akkaataan qubbiin isaa ka lukaa itti hojjatameeru, wodhakkaan sibiila, wodhakkaan akkuma faara ta'e akkasuma mootummaan sun cina'aan jabaa ta'a. Akkuma sibiilli faaraan wolitti makamee argitee akkasuma baniin mootota lamaan kanniinii fuudhaa fi heerumaan wolitti makaman; ta'ullee akkuma sibiilli faaraan wolitti makamuu hin dandeenne akkasuma isaanillee tokko ta'uu hin danda'an. Bara mootota sanniinii Waandhi sami'ii mootummaa sirima hin diiggamnee fi ka bulchiinsa isi'ii baniin kumillee hin uggine hundeessa; mootummaan kun mootota biraa haga dhumaa sirima balleessa; inni ammo baraa haga bara baraa jiraata. Dhagaan uduu harki namaa hin tundhe gaara irraa fottoqee bu'e ka sibiila, sibiila diimaa, faara, meeti'ii fi worqii irraa hojjatame ka fakii san bulleesse mootummaa san; akka kanaan Waandhi maraa olii waan durana ta'u'uuf ta'u maraa sitti mudhise; eebjuun kun dhuga'a; hiikkaan amanamaanillee kanuma. Kanaan maayessa mootiin Nabukadanatsoor haga kallachi isaa lafa tuqutti kufee Daani'eelii sagadee kennaa midhaaniitii fi hixaana akka fidaniifiif ajaje. Mootichi Daani'eeliin «Waandhi kee Waaqa waaqolee tolfamaa maraa caalu; Gooftaa mootii moototaati; Inni ka dhossaa maraa ibsuu danda'u; sababaa kanaaf dhossaa guddaa kana maraa ibsuu dandeette» jedheen. Achiin maayessa mootichi Daani'eeliin hulee ulfinnaa guddaa kaayee kennaa heddu kenneef; bulchiinsa biyya Baabiloonii maraa keessatti bulchaa worra gugurda'aa isa taasise; ogeeyyii biyya Baabiloonii maraa irratti bulchaa taasisee isa muude. Akkuma Daani'eel isa kadhatetti mootichi Sidiraaqiin, Misaaqii fi Abdinaagoo godinoota Baabiloonii maraa keessatti bulchoota taasisee isaan muude; Daani'eel ammo mootummaa isaa irraa uduu hin fagaanne jiraate. Mootichi Nabukadanatsoor fakii worqi'ii ka dheerinni isaa ciqilee jahaatamaa, ka dalgi isaa ciqilee jahaa gayu hojjachiise; bulchiinsa Baabiloonii keessa raasaa Duura'aa keessa fidee dhaabsise. Guyyaa eebbaa ka fakiin sun itti dhaabate kabajju'uuf worra biyya bulchan, worra baallii qaban, worra muudaman, worra gorsa kennan, worra baallii qaban ka naannoo gara garaa jiran maraa waamsise. Worri baallii qaban kunniin maruu ayyaana eebbaatiif wol gayanii tokkumma'aan fakii afoo dhaabatan. Hennaa san namni labsii labsu tokko laagaa ufii ol qabatee, «Isin baniin biyya gara garaatii dhuftanii fi gofti afaan gara garaa dubbattan! Hennaa laagaa xurumba'aa, laagaa meeshaa shaka shaka jedhuu ka Masiinqo'oo, kiraaraa, meeshaa faaru'uu ka laagaa gara garaa kennu, laagaa boobaa afuufamuutii fi laagaa meeshaa faaru'uu maraa dhageettan kuftanii akka fakii mootichi Nabukadanatsoor dhaabee sagaddan ajanyi isinitti bayeera. Namni fakii sanii kufee hin saganne yoo argame yoma san goola ibidda bobawuutitti gatama» jedhe. Kanaafuu namoonni maruu, baniin biyya gara garaatii dhufanii fi gofti afaan gara garaa dubbatan maruu hennaa laagaa xurumba'aa, laagaa meeshaa shaka shaka jedhuu, ka Masiinqo'oo, kiraaraa, kiraara sagalee guddaa dhageessisu ka laagaa gara garaa kennuu, laagaa boobaa sagalee afuufaniitii fi laagaa meeshaa faaru'uu maraa dhagayan gad kufanii fakii worqi'ii ka mootichi Nabukadanatsoor dhaabe sanii sagadan. Hennaa san ogeeyyiin Baabiloonii gariin dhufanii worra Ayihuudi'ii himatan. Isaan mootii Nabukadanatsooriin, «mootii keenna! baraa haga bara baraa jiraadhu! Mootii keenna! ati akka fakii worqi'iitii hennaa laagaa xurumba'aa, laagaa meeshaa shaka shaka jedhuu, ka Masiinqo'oo, kiraaraa, kiraara sagalee guddaa dhageessisu, laagaa boobaa afuufaniitii fi laagaa meeshaa faaru'uu maraa worri dhagayan akka kufanii sagadan labsii labsitee turte. Namni kufee hin saganne yoo jiraate goola ibiddaa keessatti akka gatamu ajaja kenniteerta. Amma kunoo worri ati worra godina Baabiloonii keessa jiran akka bulchaniif muudde ka Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo jedhaman, ka worra gosa Ayihuudi'ii ajaja kee hin raawwatan; waaqolee tolfamaa kee hin waaqeffatan, fakii ati dhaabdeefillee hin sagadan» jedhaniin. Mootichi haga waan kana dhagaye guddisee aaree Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo akka waaman ajaje, isaanillee dhufanii mooticha afoo dhaabatan. Nabukadanatsoor isaaniin, «Isin Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo! waaqolee tolfamaa kiyya waaqeffatu'uu fi fakii worqi'ii ka ani dhaabee sagaduu diduun keessan dhuga'aa? Eeganaa isin yoo laagaa xurumba'aa, laagaa meeshaa shaka shaka jedhuu, ka masiinqo'oo, kiraaraa, kiraara sagalee guddaa dhageessisuu fi laagaa meeshaa faaru'uu maraa dhageettan fakii ani dhabee kuftanii sagaddan misha'a; yoo sagaduu baattan garuu yoosuu boolla ibiddi itti bobawu keessatti gatamtan, Waandhi harka kiyya jalaa isin baasu akka hin jirre beekaa'a» isaaniin jedhe. Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo mootichaan, «Mootii keenna! waan kana irratti deebiin nu'u waan kana uf irraa ittisu'uuf deebisuu nu barbaachisu hin jiru. Waandhi nu tajaajillu ibidda bobawu kanaa fi harka kee jalaallee nu baasuu danda'a; Mootii keenna! yoma inni nu hambisuu baatellee, nu'u waaqolee tolfamaa kee akka hin waaqeffannee fi fakii worqi'ii ka ati dhaabdee akka hin saganne beeki» jedhanii deebisaniif. Hennaa san Nabukadanatsoor Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaago'otti guddisee aaree fuulli isaa jijjiirame; kanaafuu inni goolli ibiddaa ka qaraa caalaa akka dachaa torbaa bobawu ajaje. Inni loltoota keessaa namoota jajjabaa jara sadiin sanniin boolla ibiddi itti bobawu keessatti akka isaan gatan ajaje. Kanaafuu isaan uduu uffata, qambisaa, surre'ee fi wonti mata'atti maratan maruu hin hafne akkuma uffataniin hidhanii goola ibiddi itti bobawu keessatti isaan gatan. Mootichi ibiddi akka guddisee bobawu ajaja jabaa kennee waan tureef namoota Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo ibiddatti gatan sanniin arrabni ibiddaa isaan ajjeese. Jarri sadiin sunniin ammo akkuma guddisanii hidhamanitti goola ibidda bobawuu keessa bu'an. Achiin maayessa mootichi Nabukadanatsoor maalala'aa daddafee ka'ee, «Namoonni hiinee ibidda keessatti darbine sadiin calla'aa mii?» jedhee worra gorsan kennaa gaafate; isaanillee «Ee mootii keenna!» jedhaniin. Mootichi, «Ani namoota afurii ka hidhaan isaanii hiikkamee ibiddi isaan hin gubne ka achi keessa deddeema'aaran arga'aara; ka arfeesso'oo ammo ilma waaqole'ee fakkaata» jedhe. Nabukadanatsoor gara goola ibiddi itti bobaya'aaruu dhiyaatee, «Isin worri Waaqa guddaa tajaajiltan Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo! baya'aa as koottaa'a!» jedhee isaan waame; isaanillee ibidda keessaa bayan. Achiin maayessa worri biyya bulchan, worri baallii qabanii fi worri gorsa kennan maruu naannaya isaaniititti wol gayan; isaan akka ibiddi nafa isaanii hin miine, rifeensa mataa isaanii keessaa takkattiinillee akka hin gubanne, bifti uffata isaanii akka hin jijjiiramnee fi ka biraatuu dhiisii foolimmaan aara ibiddaatuu akka isaan hin tundhe argan. Achiin maayessa mootichi Nabukadanatsoor akkana jedhe, «Waaqa Sidiraaqii, Misaaqiitii fi Abdinaago'oo galanni haa gawu! inni ergamaa ufii ergee tajaajiltoota ufii kanniin hambiseera; isaan Waaqa ufii abdatanii isaa saganna malee waaqolee biraatii hin sagannu; jedhanii ajaja mooti'ii didanii jireenna ufii balaa irratti gatanii turan. Waaqa kana malee Waandhi biraa ka akkanatti nama hambisu hin jiru; kanaafuu banii biyya maraa keessa jiraatanii fi worra afaan gara garaa dubbatan keessatti namni Waaqa Sidiraaqii, Misaaqiitii fi Abdinaago'oo arrabsu akka nafti isaa cicciramee gatamuu fi akka manni isaallee diiggamee tuulaa kosi'ii ta'u labsa» jedhe. Mootichi haga waan kana labseen maayessa Sidiraaq, Misaaqii fi Abdinaagoo bulchiinsa Baabilooniititti kabajjee isaan muude. Mootichi Nabukadanatsoor banii adunyaa irra jiraatanii fi gosa afaan gara garaa dubbatan maraaf ergaa kanniin dabarse. Nageenni isiniif haa ta'u! Ani waan maalale'eetii fi hujii baasaa ka Rabbiin maraa olii naa godhe isinitti himuu barbaada. «Maalaleen Rabbi namatti mudhisu attam gudda'a! hujiin maalale'ee ka inni raawwatu maalalchiisa'a! Rabbi baraa haga bara baraa mooti'i, mootummaan isaa dhuma hin qabu. Ani Nabukadanatsoor mana mootumma'aa kiyya keessatti duroomee qanani'ee jiraata'aa ture. Gaaf tokko siree kiyya irra uduu ciiseeru eebjuu nama sodaachisuu fi mudhata nama naasisu arge. Kanaafuu ani akka hiikkaa eebju'uu natti himan ogeeyyii biyya Baabiloonii maraa gara kiyya akka dhufan ajaje. Hennaa worri moran, worri asmaa kataban, worri urjii laakkayanii fi worri mita hojjatan maruu gara kiyya dhufan; ani eebjuu eebjodhe isaanitti hime; isaan garuu hiikkaa eebjuu kiyyaa natti himuu hin dandeenne. Achiin maayessa Daani'eeliin maqaa Waaqa kiyyaa ka Bilxaasoor jedhamuun waamamu na bira seene; namni kun nama hafuurri waaqolee woyyu'uu irra jiru; ani eebjuu eebjodhe akkana jedhee isatti hime. ‹Bilxaasoorii bulchaa ogeeyyi'ii ayyaanni waaqolee woyyu'uu waan si irra jiruuf wonti si jalaa dhokatu akka hin jirre hin beeka; amma eebjuu eebjodhe sitti himaa naa hiiki. Ani uduu siree kiyya irra ciiseeru munni guddaan woyii ka bayeeru eebju'uun arge. Qacceen muka kanaa ol dheeratee namoonni adunyaa irra jiran maruu akka arguu danda'anitti haga sami'ii ol dheeratee guddatee jabaate. Baalli isaa lalisee guddisee bareede; daraaraan isaa banii maraa akka gayutti guddisee baay'ate, gaaddifni isaa ka bineensonni maruu jalatti hara baafatan ta'e, simbirran sami'ii haafa isaa irratti qophatanii maandhee ijaaratan ta'ee wonti lubbuu qabu maruu daraaraa isaa nyaata. Ani eebjuu siree kiyya irra ciisee argeen maleekkaa woyyuu waa eegu ka sami'ii bu'u arge. Maleekkaan sun laagaa ufii ol qabatee akkana jedhe; «muka kana muraa'a; haafa isaallee cicciraa'a, baala isaallee irraa xuruuraa'a; daraaraa isaallee irraa harcaasaa'a; bineensonni gaaddisa isaa jala jiran simbirran haafa isaa irra jiranillee haa dheessanii. Gufuu isaa ammo haada sibiilaa fi sibiila diimaa irraa hojjatameen naannaya isaa hidha'aatii lafuma san jalatti dhiisaa'a; akkuma marga lalisaa keessa jiru sanitti raasa'atti akka hafu godhaa'a; Fixeensa sami'iitiin haa shamuu; raasa'atti busaawaa woliin marga dheeda'aa haa jiraatuu. Sammuun namummaa isaa jijjiiramee haga woggaa torbaa akka bineensaatitti haa jiraatuu. Ka murtii kana dabarse maleekkota woyyu'u; sababaan kun ta'eef akka Rabbiin maraa olii mootota lafaa irratti akka baallii qabu namni maruu akka beekuuf; inni nama ufii barbaadeef baallii kenna; worra tuffatamanii baallii kenna. Eeganaa eebjuun ani mootichi Nabukadanatsoor eebjodhe kana; ati Bilxaasoor! hiikkaa isaa natti himi; ogeeyyiin mootummaa kiyya keessa jiran hiikkaa isaa natti himuu hin danda'anii; ati ammo waan hafuurri waaqolee woyyu'uu si irra jiruuf natti himuu hin dandeetta.» Hennaa san Daani'eeliin Bilxaasoor jedhamu waan guddisee nayee jeeqameef hennaa diqqo'oof hin cadhise; mootichillee, «Bilxaasoor! eebjuunii fi hiikkaan isaa si hin rakkisin» jedheen; Bilxaasoorillee mootii kiyya! eebjuunii fi hiikkaan isaa kee ta'uu baatee uduu ka diintota keetii ta'ee silaa hin jaaladha. Ati muka dheeratee qacceen isaa samii bira gaye ka namoonni adunya'aa maruu arguu danda'an mudhata argiteerta. Baalli muka kanaa ka lalisee bareedu ture; daraaraa hedduu baniin maruu nyaachuu danda'u qaba; bineensonni gaaddisa isaa jalatti hulee itti boqatan; simbirranillee haafa isaa irratti maandhee ijaaratanii irra jiraata'aa turan. Mootii kiyya! munni dheeraanii fi jabaan sun si'i; guddinni kee haga sami'ii ol fagaateera; baalliin keellee adunyaa maraa irratti babadhateera. Mootii kiyya! uduu ati argitu ka waa eegu woyyuun tokko sami'ii bu'ee muka san mura'aa balleessaa'a; gufuu isaa ammo haada sibiilaa fi sibiila diima'aan naannaya isaa hidha'aatii achumatti dhiisaa'a, inni lafuma raasa'aatitti marga lalisaa keessa haa taa'uu fixeensa sami'iitiin haa shamuu; jireenni isaa haga woggaa torbaa bineensa bosonaa woliin haa jiraatuu» jedhe. Mootii kiyya! hiikkaan isaa kana wonti Rabbiin maraa olii si'ii mootii gooftaa kiyyaa irratti akka raawwatamuuf murteesse kana. Ati banii keessaa fooyamtee ari'amta; jireenni keellee bineensota bosonaa woliin ta'a; haga woggaan torbaa sun lufutti akka sanga'aa marga dheedda; fixeensa sami'iitiin shamta; sababaan wonti kun maruu si irra gayuuf haga ati akka Rabbiin maraa olii mootota maraa irratti baallii qabuu fi akka inni mootummaa maraa nama barbaadee kennuu danda'u haga hubattuuf. Wonti akka gufuun lafa jalatti hafuuf ajanyi kennameef akka ati akka Rabbi adunyaa irratti baallii qabu haga beetteen maayessa deebitee mootii taatu mudhisa. Kanaafuu mootii kiyya! waan ani si gorsu dhagayi; cubbuu hojjachuu dhiisii hennaa maraa waan mishaa hojjadhu; hammeenna dhiisii namoota hucuucamanii garaa laafi; yoo waan kana goote maal laataa ati nagayaan umurii dheeraa jiraachuu dandeetta ta'aa» jedhee deebiseef. Wonti kunniin maruu mooticha Nabukadanatsooriin irra gaye. Ji'oota kudha lamaan maayessa mootichi gamoo mana mootummaa Baabiloonii keessa jiru irra deddeema'aa ture. Mootichi «Baabiloonii guddoo tana ta mootonni keessa jiraatanii fi qachaa guddoo taatee ulfinninii fi gaachenni kiyya akka keessatti mudhatu ka baallii kiyyaan hojjate anaa mii?» jedhe. Uduu inni waan dubbata'aaru hin findhe laagaa «mootii Nabukadanatsoor! murtii sitti murtaaye dhagayi! amma mootummaan tee si irraa fudhatamteerti. Ati banii keessaa ari'amtee bineensa bosonaa woliin jiraatta; haga woggaan torbaa sun lufutti akka sanga'aa marga dheedda; sababaan wonti kun ta'uuf akka ati akka Rabbiin maraa olii mootota lafaa irratti baallii qabuu fi mootummaa kee maraa nama barbaadee akka kennu haga hubattu'uuf» jedhu samii irraa dhufe. Murtiin yoma san Nabukadanatsooriin irratti raawwate; kanaaf inni banii keessaa hin ari'ame; akka sanga'aatittillee marga dheede; fixeensa samii irraa bu'een nafti isaa shame; rifeensi mataa isaa akka koola bajjaa guddate; qeensi isaallee akka qeensa allaatti'ii ta'e. Mootichi Nabukadanatsoor akkana jedhe, «Ani haga woggaan torbaa sun lufeen maayessa ol jedhee gara sami'ii laale; gara yaada namumma'aallee hin deebi'e; Rabbii maraa olii hin galatoonfadhe; Waaqummaa isaa ka bara baraatiifillee ulfinnaa fi jajuu dhiyeesseef; bulchiinsi isaa baraa haga bara baraati; barri mootummaa isaa dhuma hin qabu. Baniin lafa irra jiraatan maruu isa afo'otti akka huubaati; maleekkota sami'iitii fi banii lafa irra jiraatan maraa irratti waan barbaade godhuu danda'a; akka inni fedha ufii hin raawwanne ka isa dhoogguu danda'u yookaan ka maal godha'aarta isaan jedhu tokkollee hin jiru. «Akkuma yaanni namumma'aa naa deebi'een yoma san ulfinni mootummaa kiyyaa maruu deebi'ee naa kenname; worri gorsa kennanii fi worri baallii qaban kiyyiin gammachu'uun na simatan; ulfinni ulfinna duraa caalaa naa eda'amee mootummaa kiyya irratti jabaadhe. Ani Nabukadanatsoor mootii sami'iitii galata, ulfinna fi jajuu dhiyeessaaf; wonti inni godhu maruu sirri'i; karaan isaa karaa haqaati; worra boonaan masakkaman maraa salphisuu danda'a» jedhe. Gaaf tokko mootichi Bilxaasoor worra baallii qaban ka kumaatamatti laakkayamaniif affeerraa guddaa qopheessee isaan woliin daadhii woyini'ii dhuga'aa ture. Uduu daadhii woyini'ii dhuga'aaran mootichi Bilxaasoor daadhii woyini'ii dhugee hennaa itti oo'e xuwweewwan worqi'ii fi meetii irraa hojjataman ka abbaan isaa Nabukadanatsoor mana woyyuu Yerusaalemiitii fide akka fidan tajaajiltoota ufii ajaje; mootichi wonti waan kana godheef isaa fi worri baallii qaban, haawwonni manaa isaatii fi dubartoonni inni mata gala itti galu akka xuwweewwan sanniiniin dhugan barbaadeeti. Tajaajiltoonni isaa xuwweewwan worqi'iitii fi ka meeti'ii sanniin ka mana woyyuu Rabbii ka Yerusaalemiitii fudhatame san yoosuu fidan; mootichi, worri baallii qaban, haawwonni manaa isaatii fi dubartoonni inni mata gala itti galu xuwweewwan kanniinitti daadhii woyini'ii dhugan. Waaqolee tolfamaa worqii, birrii, sibiila diimaa, sibiila, mukaa fi dhagaa irraa hojjatamanillee hin galatoonfatan. Qubbiin qaba harka namaa fakkaatu dimmaa mudhatanii kolba baattuu ibsa'aa ka mana woyyumma'aatiin dhaaba manaa ka mana mootumma'aa irratti barreessuu jalqaban; mootichi uduu qubbiin sunniin barreessan arge. Yoma san fuulli isaa jijjiirame; waan guddisee nayeef jilbi isaa hollate; nafti isaa wol gad dhiise. Inni worra asmaa katabu, worra moruu fi worra urjii laakkayanii waa himan akka gara isaa fidan hincinnaayee ajaje; isaanillee hennaa waamanii dhufan mootichi, «Namni barreeffama kana dubbisee hiikkaa isaa natti hime uffata ulfinnaa diimaa dhiilgee uffata; badhaafni worqi'iillee hin kennamaaf; inni mootummaa kiyya keessatti baallii argatee nama sadeesso'oo ta'a» jedhe. Ogeeyyiin gara mootichaa dhiyaatanii garuu isaan keessaa namni barreeffama san dubbisee hiikkaa isaa ibsuu danda'e tokkollee hin jiru. Mootichi Bilxaasoor waan guddisee hucuucameef fuulli isaa ta qaraa caalaa gurraachate; worri baallii qaban wonti kun faallaa isaanitti ta'ee waan godhan dhaban. Haati mootichaa ta dur mootittii turte woca mootichaatii fi ka worra baallii qabuu dhageettee gara hulee affeerraan jiruu san ol seentee mootii kiyya! baraa haga bara baraa jiraadhu! waan kana irratti hagana mara hucuucamtee fuulli kee gurraachatuu hin barbaachisu. Mootummaa kee keessa nama hafuurri waaqolee woyyu'uu irra jirutu jira; namni kun bara mootummaa abbeetii akka waaqole'ee nama beekkumsa, ogumma'aa fi hubannaa qabu ta'ee argameera; sababaa kanaaf abbaan kee mootichi Nabukadanatsoor isa bulchaa worra moranii, worra asmaa katabanii, worra ogeeyyi'iitii fi worra urjii laakkaya'aa waa himanii taasisee muudee ture. Inni ogeessaa fi nama qaroo mala beeku, ka eebjuu hiiku, ka hibboo hiikuu fi ka waan dhossa'aa maraa ifa baasee namatti himuu danda'u; kanaafuu nama san ka abbaan kee Nabukadanatsoor Bilxaasoor jedhee maqaa itti baase Daani'eeliin waamsisi inni waan kana maraa hiikee sitti himaa» jette. Hennaa san Daani'eel yoosuu gara mootichaa dhufe; mootichi isaan akkana jedhe, «Worra Yihuuda'aa keessaa ka abbaan kiyya Nabukadanatsoor booji'ee fide namni Daani'eel jedhamu si'ii? Ani akka hafuurri waaqolee woyyu'uu si irra jiruu fi nama qaroo mala beeku ka beekkumsinii fi ogummaan kennameef akka taate dhagayeera. Ani ogeeyyii gorsa kennanii fi worra asmaa kataban maruu akka barreeffama kana dubbisanii hiikkaa isaa natti himaniif waamamanii gara kiyya dhufanii turan; garuu isaan hiikanii naa ibsuu hin dandeenne. Ati ammo waan dhossa'aa akka hiittuu fi waan nama rakkisu maraa dandeetti hiiku'uu akka qabdu dhagayeera; kanaafuu ati barreeffama kana dubbiftee hiikkaa isaa yoo natti himte akka ati uffata ulfinnaa diimaa dhiilgee uffattu, badhaasa worqi'ii akka mormatti godhattuu fi baallii mootummaa kiyyaa keessatti nama sadeesso'oo akka taatu si taasisa» jedheen. Daani'eelillee, «mootii kiyya! kennaan sun keetuma haa ta'uu; badhaasallee nama biraatii kenni; ani garuu barreeffama kana dubbisee hiikkaa isaa sitti hima. Mootii kiyya! Rabbiin maraa olii abbaa kee Nabukadanatsoorii mootummaa'a, guddinna, ulfinnaa fi jabeenna kenne. Inni waan guddisee gurra bayeef baniin biyyoota gara garaa keessa jiraatanii fi gofti afaan gara garaa dubbatan maruu sodaatanii isa afo'otti hollata'aa turan; inni ka barbaade ajjeesuu hambisuu muudu'uu fi ka hin barbaanne ammo buusuu danda'a ture. Garuu inni hennaa ka uf jaju, morkata'aa fi gar jabeessa ta'e ulfinninii fi baalliin isaa isa irraa fudhatamee teessoo ulfinnaa irraa bu'e. Banii keessaa hin ari'ame, yaada namumma'aa keessaa bayee akka bineensaa ta'e, akka sanga'aatittillee marga dheeda'aa harriin diidaa woliin akka jiraatu taasifame, hulee itti quphatu dhabee fixeensa sami'iitiin nafti isaa shame; sababaan wonti kun ta'eef akka Rabbiin maraa olii mootota maraa irratti baallii qabuu fi mootummaa maraa nama barbaadee akka kennuu danda'u haga hubatu'uuf. Atillee Bilxaasoor ilma isaa taatee waan kana maraa uduu beettu gad uf qabdee gara laafummaa hin mudhifne. Ati siri'ii Waaqa sami'iititti boontee ol uf qabde; meeshaa worqi'ii ka mana woyyuu keessaa saamamanii dhufan fuusiftee atii fi worri baallii qaban, haawwonni manaa teetii fi dubartoonni ati mata gala itti galtu ka daadhii itti dhugan gootan; haga dhuddaniin maayessa waaqolee tolfamaa arguu yookaan dhagawuu hin dandeenne ka woma tokkollee hin beenne ka worqi'ii meetii, sibiila diimaa, sibiila, mukaa fi ka dhagaa irraa hojjataman galatoonfattan, Waaqa jiraataa ajjeesuu yookaan fayyisuu danda'uu fi ka jireenna kee tooyatu ammo hin kabajjine. Eeganaa sababaan Rabbi qubbiin quba harka namaa fakkaatu ergee akka jechoota kanniin barreessan godheef kanaaf. Dubbifni barreeffamaa maanee! maanee! Teeqeel! ufaarsiin› jedha. Hiikkaan isaallee akkana; Maanee jechuun ‹Rabbi bara mootummaa keetii laakkayee akka dhumatu taasise› jechu'u. Teeqeel jechuun ‹Madaalaan madaalamtee salphattee argamte› jechu'u. Faariis jechuun ‹Mootummaan kee qoodamee namoota Meedooniitii fi namoota Faarisiitii deebisee kenne› jechu'u. Achiin maayessa Bilxaasoor yoosuu akka Daani'eelitti uffata ulfinnaa uwwisan, badhaasa worqi'ii akka mormatti isaa godhanii fi baallii mootummaa ufii keessaa akka inni nama sadeesso'oo ta'u taasisanii akka isa muudan labsi'iin ajaje. Halkanuma san mootii Baabiloonii Bilxaasooriin ajjeesan. Hennama san Daariyoosiin worra Meedoonii ka umuriin isaa woggaa jahaatamii lamaa mootummaa isaa dhaale. Daariyoos bulchiinsa mootummaa ufii irratti akka bulchan namoota dhibbaa fi diddamaa muuduu barbaade. Ammallee eda'ee worra mootichatti dhiyaatanii akka womaa isa jalaa hin hanqannee fi akka worra biyya bulchan tooyatan Daani'eelii fi namoota biraa lamaan file. Daani'eel akka dandeettii huji'ii guddaa ka addaa qabu worra biyya bulchan kaawwanii fi worra baallii qaban maraa akka caalu huji'iin mudhise; kanaafuu mootichi mootummaa ufii maraa irratti bulchaa godhee isa muuduu barbaade. Achiin maayessa worri kuuwwan ka biyya bulchanii fi worri baallii qaban yakka waan Daani'eel hojjatu hujii mana mootumma'aa irratti isa himatu'uuf sababaa irra soqa'aa turan; Daani'eel ammo nama uf eeguu fi amanamaa waan tureef dogoggora yookaan yakka woyiituu isa irratti arguu hin dandeenne. Kanaafuu isaan «Waan seera Waaqa isaatii achi waan Daani'eeliin ittiin himannu yakka woyiituu isa irratti arguu hin dandeenne» woliin jedhan. Kanaan maayessa worri biyya bulchanii fi worri baalii qaban tokko ta'anii gara mootichaa dhaqanii «mootii kenna Daariyoos! ati baraa haga bara baraa jiraadhu! Nu'u worri mootummaa kee keessatti ramadamnee baallii guddaa qabnu Abukaatoon seeraa, abboonni halange'ee nu'u worri akka keetii worri gorsa kenninuu fi worri biyya bulchinu yaada woyii irratti wolii galle, kunillee amma irraa jalqabee haga guyyaa soddomaa yoo si kadhatan malee Waaqa biraa, yookaan nama biraa akka hin kadhanne akka labsii labsisiiftuuf, namni seera kana diigu yoo jiraate akka boolla leencotaatitti gatamu ajaji. Eeganaa mootii keenna! seerri kun akka seera Meedooniitii fi akka seera Faarisii jabaa hin jijjiiramnee akka ta'u mallatteessi» jedhaniin. Akkaataa kanaan mootichi Daariyoos seera san mallatto'oon cimse. Daani'eel yoma seerri akka itti mallatteeffamee mirkanaaye beekellee gara gamoo irra jiraatuu ol baye; foddaawwan gamoo sanii kolba Yerusaalemiitiin bana'a; inni akkuma tanaan dura godha'aa ture jilbiiffatee Waaqa ufii galatoonfata'aa guyyaa keessa harka sadihii kadhata'aa ture. Worri wolta'anii isatti ka'an kunniin tokkumma'aan gara isaa dhaqanii uduu Daani'eel uumaa ufii kadhata'aaru isa argan. Isaan maruu woliin gara mootichaa dhaqanii akkana jedhanii Daani'eeliin himatan, «Daani'eel waan seera baye diigeef mootii keenna; ati seera namni tokkollee haga guyyaa soddomaa yoo gara kee ta'e malee Waaqa biraa yookaan nama biraa kadhate akka boolla leencotaatitti gatamu seera baaftee irratti mallatteessitee hin turree?» jedhaniin. Mootichi, «Ee ani seera akka seera Meedooniitii fi Faarisii jabaa hin jijjiiramnee baaseera» jedhe. Isaanillee, «Eeganaa mootii keenna! Daani'eeliin worra booji'amee ka Yihuuda'aa si hin kabajju; seera ati labsitee irratti mallatteessite diigee guyyaa keessa harka sadihii Waaqa ufii kadhata» jedhaniin. Mootichi haga waan kana dhagaye guddisee gaddee Daani'eeliin hambisu'uuf murteesse; haga aduun dhiitutti isa hambisu'uuf mala hambisuun maraa soqa'aa ture. Namoonni maruu tokkumma'aan gara mootichaa dhaqanii «Mootii keenna! akka seera Meedooniitii fi seera Faarisiititti seerri mootiin tokko baase yookaan ajajnyi inni dabarse akka hin jijjiiramne beeki!» jedhaniin. Kanaafuu mootichi Daani'eeliin qabanii fidanii akka boolla leencotaatitti gatan ajaje; Mootichi Daani'eeliin, «Waandhi ati hennaa maraa amanamumma'aan tajaajiltu si haa oolchu» jedheen. Afaan boollaa dhaga'aan cufan; namni tokkollee akka Daani'eliin hambisu'uuf hin badanne mootichi chaapaa mootummaa ufiitii fi chaapaa worra isa jalatti bulchaniitiin chaappeesse. Mootichi gara mana mootummaa ufii deebi'e; womaa hin nyaanne, wonti isa barbaachisu akka hin dhiyaanneefiif halkan guutuu uduu hin rafne bule. Ganamaan mootichi hennaa lafti gagaarrattu ka'ee ariifatee gara boolla leencotaa dhaqe. Haga achi gaye laagaa gaddaatiin, «Daani'eelii tajaajilaa Waaqa jiraata'aa! Waandhi ati hennaa maraa amanamumma'aan tajaajiltu afaan leencotaatii si hambisuu danda'eeraa?» jedhee isa waame. Daani'eelillee, «Mootii kiyya! baraa haga bara baraa jiraadhu! Akka leenconni na hin miine Rabbi maleekkaa ufii ergee afaan leencotaa cufe; inni wonti kana godheef ani afoo isaatitti mudaa waan hin qabnee fi sillee akka hin yakkine waan beekeef» jedhee deebiseef. Mootichi guddisee gammadee akka Daani'eeliin boolla leencotaatii baasan ajaje; hennaa isa baasan akka inni Rabbiin hedatee akka miidhaan tokkollee isa irra hin geenne argan. Achiin maayessa mootichi worra Daani'eeliin himatan qabanii akka fidan ajaje; inni akka isaan haawwota manaa ufiitii fi ijoollee ufii woliin qabamanii boolla leencotaatitti gataman taasise; uduma isaan lafa hin geenne, leenconni isaan cicciranii lafee isaaniillee caccabsan. Achiin maayessa mootichi Daariyoos banii biyya gara garaa keessa jiraatanii fi gosa afaan gara garaa dubbatanitti ergaa barreeffamaa Nageenni isiniif haa ta'u Baniin mootummaa kiyya keessa jiraatu maruu Waaqa Daani'eelii akka sodaatanii fi akka kabajjan labsee ajajeera; Inni Waaqa jiraata'aa fi ka baraa haga bara baraa jiraatu; mootummaan isaa hin badu; mootummaan isaa dhuma hin qabu. Inni nama oolcha; nama hambisa; inni ardi'ii fi sami'itti waan maalale'eetii fi waan baasaa hojjata; Daani'eeliin afaan leencotaatii hambiseera» jedhu dabarse. Daani'eel bara mootummaa Daariyoosii Faarisiitii fi Qiroosii maraa kabajjamee jiraate. Mootiin Baabiloonii Bilxaasoor mooyee woggaa jalqabaatitti uduu inni siree ufii irra ciiseeru Daani'eel eebju'uu fi mudhata arge; achiin maayessa eebjuu eebjote san hin barreesse. Inni akkana jedhe, «Ani Daani'eel bubbeen gara arfaniinuu ka'e hennaa galaana raasu halkan mudhataan arge. Bineensi afurii ka bifa gara garaa qaban hennaa galaanaa bayan arge. Bineensi jalqabaa leenca fakkaata; inni koola akka allaattii bajja jedhamuu qaba; uduma ani isa laalu koolli isaa irraa bubuqqa'e; bineensi sun ol ka'ee akkuma nama miila lamaan dhaabate; sammuun namumma'aallee hin kennameef. Bineensa lammeesso'oo akka luka Doobba'aa lutti isaa gabaabaa ilkaan ufiitiin lafee cinaachaa sadihi ciniinee qabateera dubbii ‹Ati foon haga barbaadde nyaadhu› jedhutu isatti himame. Uduu ani waan kana laala'aaru bineensi biraa ka qeerransa fakkaatu baye; inni koola akka koola simbirranii afur dudda ufii irraa qaba; mataa afur qaba; baalliin bulchiinsaa hin kennameef. Achiin maayessa bineensa arfeesso'oollee hin arge, inni jabaa guddisee nama sodaachisu; bineensi kun ilkaan sibiilaa guddaa ittiin waa cicciruu fi caccabsuun qaba; waan hafe garuu lukaan irra deema'aa ture; bineensa kaawwan maraa keessaa inni bineensa addaa ka gaafa kudhanii qabu. Uduu ani waan gaafa isaa dhudhuma'aaru gaaffan isaa jiddu'uu gaafni diqqaan biraa ol baye; gaafa sanii bakka kennu'uufiif gaaffan sadiin duraanii buqqa'an; gaafni diqqaan kun ija akka ija namaatii fi afaan boona dubbatuun qaba. Uduu ani laalu teessoowwan ulfinnaa badhifaman; ka dur ture sun teessoo ulfinnaa ufii irra taa'e; uffanni isaa akka barada'aati; rifeensi mataa isaa akka biqiltuu suufi'ii adi'i; teessoon isaa ka ulfinnaatii fi teessoon isaa ka akka miila korbo'oo akka ibidda bobawuutitti mallisa. Burqaan ibiddaa kolba teessoo ulfinnaa isaatii burqa; inni tajaajiltoota kumaatamatti laakkayaman qaba; maleekkonni kumaatamatti laakkayaman isa afoo dhaabataniiran; dhaddachi murti'ii jalqabame; kitaabbanillee hin banaman. Ani laagaa uf jaju'uu ka gaafni dubbatu dhagayee laale, ani uduu isa laala'aaru bineensi haga qabamee ajjeefameen maayessa ibiddatti gatamee akka qaamni isaa gubatee badu taasifame. Baalliin bineensota kaawwaniillee harkaa fudhatame; garuu akka hennaa murtaayeef jiraatan isaanii eeyyamame. Halkan mudhataan waan ilma namaa fakkaatu ka duumessa sami'iitiin marfamee dhufu arge; isa gara hulee baraa haga bara baraa afoo fidan. Baniin biyya gara garaa keessa jiraatanii fi gofti afaan gara garaa dubbatan akka isa tajaajilan baalliin, ulfinnaatii fi mootummaan kennameef; bulchiinsi isaa ka baraa haga bara baraa hin banne; mootummaan isaa dhuma hin qabu. Ani Daani'eel mudhata argeen hucuucamee keessi kiyya na raafame; Worra achi dhaabataniiran keessaa gara nama tokkoo siiqee hiikka dhuga'aa ka waan kana maraa isa gaafadhe; inni hiikkaa waan kanniin maraatuu natti hime. Inni akkana naan jedhe, «Bineensonni arfan gugurdaan kunniin mootota arfan lafa kana irratti mooyan. Woyyoonni Rabbii maraa olii ammo mootummaa kana dhaalanii baraa haga bara baraa ka ufii taasifatan.» Achiin maayessa bineensota maraa keessaa bineensa addaa ka arfeesso'oo san maraa caalaa beekuu barbaada; bineensi kun ka guddisee nama sodaachisu, dhadhoolee waan arge maraa ilkaan ufii ka sibiilaa fi sibiila diima'aatiin caccabsee mummuree ka nyaatuu fi ka waan hafe luka ufiitiin irra deemu ture. Ani ammallee waan gaafa kudhanii ka mataa bineensaa kana irra jiru waan gaafa diqqaa maayessa bayee akkasuma waan gaafa sadiinii ka gaafa diqqa'aaf hulee kennu'uuf buqqa'anii beekuu barbaadan; gaafni diqqaan kun ijaa fi afaan qaba; inni kaawwan caalaa ka nama sodaachisuu fi ka uf jaju'uun dubbatu. Uduu ani isa laala'aaru gaafni diqqaan sun woyyoota Rabbiitiin lolee isaan mooyate. Wonti kun ka ta'e haga guyyaa ka baraa haga bara baraa jiraatu dhufee woyyoota Rabbii maraa oliitii murtii kennuuf; hennaan woyyoonni mootummaa isaa dhaalan hin gaye. Inni hiikkaa isaa Bineensa arfeesso'oo mootii arfeesso'oo ka biyya irratti moowu; mootiin kun mootummoota kaawwaniin waan adda ta'eef biyya maraa qabatee gad qabee hunnaan bulcha. Gaafni kudhanii mootota kudhanii ka mootummaa san keessatti mooyan; achiin maayessa mootiin mootota duraa caalu mooyee mootota kudhan keessaa mootota sadihii gara galcha. Inni Rabbii maraa oliititti uf jaju'uun dubbata; woyyoota Rabbii maraa oliillee hin rakkisa; ayyaannan woyyoomanii fi seerallee jijjiiru'uuf karoorfatan; woyyoonni woggaa sadihii fi ji'a jahaa baallii isaa jala jiraatan. Achiin maayessa inni teessoo murti'ii qopheeffata; inni baalliin mootummaa isaa harkaa fudhatamee baraa haga bara baraa bada. Baalliin mootumma'aa ka sami'ii gad jiru maruu lafa woyyoota Rabbii maraa oliitii kennama; baalliin mootummaa isaanii baraa haga bara baraa jabaatee jiraata; mootonni biyya adunya'aa maruu isaanii ajajama'aa isaan tajaajilan› » jedhee natti hime. Hiikkaan eebju'uu kana irratti raawwata; ana Daani'eeliin yaanni kun guddisee na sodaachise; waan guddisee nayeef fuulli kiyya gurraachate; ani garuu waan maraa garaa kiyya keessatti dhossee qabadhe. Bilxaasoor mooyee woggaa sadeesso'ootitti ani Daani'eel mudhata biraa ka armaan dura argeen addaa arge. Ani qachaa Suusa'aa ganda dhaga'aan ijaaramte keessatti mudhataan uf arge; ani hennaa san laga Ulaayii ladda dhaabadhee ture. Qaccee laga sanii biratti korbeessa hoola'aa ka gaafa dhedheeraa lamaa qabu arge; gaafa lamaan kanniin keessaa tokkichi ka turee baye yoo ta'ellee inni gaafa kaan caalaa dheera'a. Hoolaan sun gaafa saniin nama woraanu'uuf gara dhiya adu'uu, gara kaabaatii fi gara kibbaa uduu shulu arge; ka danda'ee isa afoo dhaabatu yookaan bineensi isa jalaa dheessee bayu hin jiru; inni waan ufii barbaade maraa godha; ka duraa caalaa jabaata'aa deeme. Ani uduu mudhata kana dhudhuma'aaru korbeessi re'e'ee ka ija isaa lamaan jiddu'uu gaafa guddaa qabu biyya keessa lufee uduu miilli isaa lafa hin tundhe gara dhiya adu'uutii barara'aa dhufe. Inni gara hoolaa gaafa lamaan qabuu ka uduu inni laga ladda dhaabateeru ani argeen guddisee lola'aa itti dhufe. Gara hoola'aa hennaa dhiyaatu arge; inni hoolaa saniin lolee gaafa isaa lachuu jalaa caccabse; hoolaan sun hunna isa jala dhaabatuun hin arganne; kanaafuu re'een lafatti gad kuffisee isa irra deeme; ka isa harkaa isa baasullee hin turre. Korbeessi re'e'ee sun jabata'aa deeme; inni waan guddisee jabaateef gaafa korbeessa hoola'aa ka dura jabaa ture san jalaa cabe; hulee gaafa cabee sanitti gaafa gugurdaa afurtu bayeef; gaafni arfanuu gara kallattii arfanii laala. Gaafa arfan kanniin keessaa gaafa tokkocha irratti gaafa biraa diqqa'atu baye; hunni gaafa diqqaa sanii gara kibbaa, gara baya adu'uutii fi gara lafattii michu'uu babadhate. Inni haga duultota sami'ii ol guddatee guddisee jabaate; isaan keessaa hagoo lafa buusee irra deeme. Inni bulchaa duultota sami'iitiinillee hin morke; ciincaan guyya guyya'aan isaa dhiyaatu akka hafu godhee hulee woyyuu batteesse. Sababaa hammeennaatiif duultonninii fi ciincaan hennaa maraa dhiyaatu isaa kenname; inni dhugaa gubba'aa gad darbe; wonti inni hojjatu maruu isaa ta'e. Achiin maayessa hennaa woyyuun tokko dubbatu dhagaye; woyyuun biraa ammo woyyuu dubbate kanaan, «Wonti mudhataan argaman kunniin yoomiin raawwataman? diddaan badii fidu bikka ciincaa hennaa maraa dhiyaatu haga yoomii bakka bu'a? manni woyyuunii fi duultonni sami'ii dabarfamanii kennamanii dhiitama'aa jiraatan haga yoomiiti?» jedheen. Woyyichi gaafatamellee «Guyyoonni ciincaan ganamaatii fi ciincaan galgalaa itti hin dhiyaanne kuma lamaa fi dhibba sadihi; achiin maayessa manni woyyuun hin qulqullaaya» jedhee hennaa deebisu dhagaye. Ani Daani'eel uduu hiikkaa mudhata kanaa dhudhuma'aaru dimmaa qaamni akka bifa namaa fakkaatu na afoo dhaabate. Laga Ulaayii gamaa laagaa namaa ka ‹ati Gabri'eel! akka namni kun hiikkaa mudhataa hubatu godhi!› jedhu dhagaye. Hennaa Gabri'eel dhufee na bira dhaabate; ani nayee lafatti gad kufe; inni ammo, «Ati ilma namaa! mudhanni waan bara dhuma adunya'aa akka ta'e hubadhu» naan jedhe. Ani uduu inni dubbata'aaru uf wollaalee lafatti gad kufe; inni ammo na qaqqabee lafaa kaasee na dhaabsisee, Akkana naan jedhe «mudhanni waan bara dhuma adunya'aa mudhisu waan ta'eef guyyaa lolaa maaltu akka ta'u sitti hima. Korbeessi hoola'aa ka gaafa lamaa qabu mootota Meedooniitii fi mootota Faarisii mudhisa. Korbeessi re'e'ee mootii Giriikii mudhisa; gaafni guddaan ija lamaan jidduu jiru ammo mootii Giriikii ka jalqabaa mudhisa. Gaafni arfan hennaa gaafni jalqabaa caban bayan akka mootummaan sun bakka afuritti qoodaman mudhisa; mootonni maruu akka mootummaa jalqabaa jabaa akka hin taane mudhisa. Barri mootummaa mootota sanniinii hennaa dhumatu mootii gar jabeessaa fi dhartichatu mooya. Mootichi kun guddisee jabaata; ammo hunna ufiitiinii miti; inni badii guddisee nama jibbisiisu raawwata; wonti inni hojjatu maruu hin ta'aaf; inni namoota jajjaba'aa fi banii woyyoome irratti badii fida. Inni guddisee waan dharticha ta'eef sobaan durooma; inni waan maraa caalaa ol uf qaba; inni namoota hedduu uduu uf hin seerre ajjeesa; guddaa gugurdootaallee hin qora; dhuma irratti inninuu ufumaan bada; hunna namaatiin hin badu. Mudhanni waan ciincaa ganamaatii fi waan ciincaa galgalaa sun dhuga'a; inni «ati mudhanni kun hennaan raawwatamu fagoo waan ta'eef uduu ifa hin baafne garamatti qabadhu» naan jedhe. Ani Daani'eel guddisee waan dadhabeef na dhukkubee guyyaa hedduu ciise; achiin maayessa ka'ee hujii mootichi irratti na ramade hojjachuu jalqabe; mudhata argetti guddisee hucuucamee hubatuu dadhabe. Daariyoos ilmi Arxekisisii gosa Meedoonii Baabilooniin irratti mooye. Inni mooyee woggaa jalqabaatitti ani Daani'eel kitaabbilee woyyuu laala'aa akkaataa Rabbi Ermiyaasii raattichatti dubbateen Yerusaalem diiggamtee tuulaa waan diiggamee taatee hennaan jiraattu woggaa torbaatamaa akka ta'e beeke. Ani uffata gaddaa uffadhee daaraa irra taa'ee kadhatu'uuf fuula kiyya gara Rabbii Gooftaa kiyyaa deebise. Ani Rabbii Waaqa kiyyatti cubbamaa ta'uu himata'aa «Ati worra si jaalatanii fi worra ajaja kee eeganii waadaa keetii fi jaalala kee ka baraa haga bara baraa isaanii eeddu; guddaanii fi ka sodaatamuu barbaachisu si'i; Rabbii Gooftaa keenna, nu'u ammo hammeeyyi'ii fi worra dhibu taanee cubbuu hojjannee si yakkineerra; seeraa fi ajaja kee raawwachuu dhiifnee lash jenneerra. Nu'u mootota, bulchoota, abboota teenna ta duriitii fi raattota tee ta maqaa keetiin banii lafa irra jiran maratti dubbatan hin dhageenne. Yaa Gooftaa'a! ati Waaqa dhuga'aati; nu'u ammo siif amanamtoota ta'uu dhiifnaan nu baniin Yihuuda'aa worri fago'oo fi dhiyoo jirru ka ati biyya maraa keessa bittinneessite, nu'u worri Yerusaalemiitii fi baniin Israa'elii maruu amma salphinni nu irra gayeera. Gooftaa kiyya! nu maruu waan si yakkineef mootonni teenna, bulchoota teenna, nu'uu fi abboota teenna irra salphinni gayeera. Gooftaa Waaqa keenna! nu'u yoo hagamillee si dhibne ati Waaqa araaraatii fi Waaqa namaa dhiiftu. Rabbii Waaqa keenna! nu'u seera kee eennee worra sii ajajamu hin taane; ajaja karaa raattota tajaajiltoota teetiitiin nu ajajje hin eenne. Worri Israa'elii maruu seera kee diigan; waan ati dubbatte maraa dhagawuu didan; nu'u waan si yakkineef seera abaarsaa ka ati karaa garbicha kee Muuse'etti kaku'uun himte maraa nutti fidde. Rakkinni guddaan nu'uu fi bulchoota teenna irra akka gawu dubbatte maruu akka nu irratti raawwatu goote, kanaafuu biyyoota lafa irra jiran maraa keessaa Yerusaalemiin caalaa ta adabamte sirima hin jirtu. Ati akkaataa seera Muuse'ee irratti barreeffameen rakkoo kana maraa nutti fidde; Rabbi Waaqa keenna! wonti kun maruu ta'ee nu'u cubbuu keenna irraa deebinee dhugaa duukaa bu'a'aa araara si irraa argachu'uuf si hin kadhanne. Rabbi Waaqa keenna! hujiin kee maruu dhuga'a; nu'u ammo waan sii hin ajajamneef ati rakkoo kana maraa nutti fidde. Rabbi Waaqa keenna! ati armaan dura banii kee hunna kee jaba'aan biyya Misiriitii baaftee haga adhaa akka maqaan kee beekkamu gooteerta; nu'u ammo cubbamtootaa fi yakkamtoota taane. Gooftaa kiyya! ati waan hujii balchaa hojjatte maraaf jettee gaara Yerusaalemii woyyicha kee irraa lolaa fi balaa kee akka kaaftu si kadhanna; nu'u sababaa cubbuu keennaatii fi yakka abboota teennaatiif Yerusaalemii fi baniin kee olloota keenna maraa jiddu'utti salphataniiran. Waandhana! ati faate'ee fi kadhaa kiyya naa dhagayi; maqaa keetiif jedhii mana woyyuu keetii garaa laafi; Waandhana! yabo'oo naa dhagayi; rakkoo keennaa fi badii qachaa maqaa keetiin waamamtuu laali; nu'u wonti si kadhannuuf araara kee hedanneeti malee hujii keenna misha'aan dhaadata'aatii miti. Yaa Rabbi! nuu dhagayi! Yaa Rabbi! nuu dhiisi! yabo'oo nuu dhagayi! hujii kee mudhisi! Waandhana! hin turin; qachaan tunii fi baniin kun maqaa keetiin waamamanii» jedhee Rabbiin kadhadhe. Ani cubbuu kiyyaa fi cubbuu Israa'elii worra kiyyaa himata'aa waan gaara isaa woyyichaatiif Rabbii Waaqa kiyya afo'otti kadhaa kiyya uduu wol irraa hin kunne kadhadhe. Uduma kadhata'aaru maleekkichi Gabri'eel ka ani jalqaba mudhataan arge gara hulee ani jiruu ariifatee barara'aa dhufe; hennaan sun hennaa ciincaa galgalaa itti dhiyeessan. Inni, «Daani'eel! ani wonti si bira dhufeef akka ati dhossaa raagaa beettu ogumma'aa fi hubannaa sii kennu'uuf. Akkuma ati kadhaa jalqabdeen Rabbi kadhaa kee dhagaye; ati waan isa biratti jaalatamteef deebii kadhaa keetii sitti himu'uuf dhufe; eeganaa waan ani sitti himu caqasii hiikkaa mudhataa hubadhu. Torbaan torba hennaa torbaatamaa jedhame hennaa Rabbi banii keetii fi qachattii woyyoomte cubbu'uu fi waan hamaa jalaa bilisa baasu'uuf murteeffate; yakki namaa dhiifama; murtii haqaa ka baraa haga bara baraatitu baay'ata; mudhanninii fi raanni hin raawwatama; manni woyyuunillee hin haarawooma. Waan kana qalbi'iin hubadhu; hennaa akka Yerusaalem haarawoomtu ajanyi baye irraa jalqabee haga hennaa Masihiin dhufuutitti torbeen torbaa hin lufan; akkasuma torbee jahaatamii lamaa hennaa rakko'oo keessa Yerusaalem, karaan isi'iitii fi boolli isiin diina uf irraa dhooggituun hin ijaarama; ammo kun maruu bara rakko'oo keessa ta'a. Torbee jahaatamii lamaan maayessa Masihicha haqa tokko malee ajjeesan; inni wonti du'uuf waan ufiitiifii miti; loltoonni bulchaa dhufuu mana woyyu'uu fi qachattii diigan; dhumti isaallee akka lola'aatitti dhufa; waan badii labsaniif lolli haga dhumaa wol irraa hin citu. Bulchaan sun torbaan tokkoof banii hedduu woliin waadaa cimaa gala; wodhakkaa torbe'eetitti ciinca'aa fi kennaa hambisa; bikka isaanii battummaa badii fidu akka bakka bu'u taasisa; wonti kun ka ta'u badiin bulchaa hamaa san irratti labsame haga raawwatamuuf.» Mootiin Faarisii Qiroos mooyee woggaa sadeesso'ootitti Daani'eeliin Bilxaasoor jedhamu mudhata biraa arge; dubbiin inni mudhataan arge dhuga'a; sababaa hubachu'uuf guddisee ulfaatuuf hiikkaan isaa mudhataan isatti mudhate. Hennaa san ani Daani'eel torbaan sadihii guutuu gadda'aa ture. Foon ta'ee'e midhaan mishaa biraallee hin nyaanne; daadhii woyini'iillee afaaniin hin qabne; haga torbaan sadihii sun lufutti mataa kiyya dhadhaa hin dibanne. Jiini jalqaba wogga'aa seenee guyyaa diddamii arfeesso'ootitti laga guddaa Xeegroosii bira dhaabadhee ture. Yoo ol jedhee laalu nama tokko ka uffata haphii ulfinnaa uffatee fi ka mudhii ufii qabattoo worqi'iitiin hidhate arge; Nafti nama kanaa akka miya gatii gudda'aatitti ifa; fuulli isaa akka hangaasu'uutitti ifa; ijji isaa arraba ibiddaa fakkaata; harkaa fi lutti isaa akka sibiila diimaa haqamee qulqullaayeetitti ifa; laagaan isaa akka laagaa nama hedduutitti dhagayama. Ka mudhata kana arge ana Daani'eelima; namoonni na woliin jiran ammo woma tokkollee hin argine; ta'ullee waan guddisanii nayaniif fiiganii dhokatan. Anillee mudhata nama maalalchiisu kana laala'aa hojja kiyya achitti hafe; hunna qabu maraa waan fixadheef dadhabee ture; fuulli kiyyallee hin jijjiirame. Ani hennaa laagaa namichaa dhagaye nayee uf wollaalee kufe; akkuma kallachaan kufeen achumatti hafe. Achiin maayessa harki woyii na qaqqabee ani waan nayee hollata'aaruuf harkaan ol na qabee na dhaabsise. Maleekkichi, «Ati Daani'eelii Rabbi jaalate; kunoo ani ergamee gara kee dhufeera; bakka jirtuu ol ka'ii dhaabadhu; waan ani sitti himullee seeraan hubadhu!» naan jedhe; hennaa inni waan kana natti dubbate ani hollata'aa ka'ee dhaabadhe. Inni deebi'ee akkana naan jedhe, «Daani'eel! hin sodaatin! guyyaa ati waa hubachu'uuf Rabbiin afo'otti gad uf deebisuu jalqabde irraa jalqabee kadhaan kee dhagayameera; anillee wonti gara kee dhufeef sababaa kadhaan kee deebii argateef. Hafuurri hamaan bulchaa mootii Faarisii guyyaa diddamii tokkoo na morme; ani Faarisiin keessatti akka hojja kiyya jiru argee maleekkota keessaa bulchaan maleekkotaa Mikaa'el na gargaaru'uuf dhufe. Ani wonti dhufeef waan bara dhumaa worra kee irra gayu sitti himu'uuf; kanaafuu waan kanaa achi mudhanni biraa waan uf afoo ta'u'uuf ta'u mudhisu hin jiru» Hennaa inni waan kana natti hime dubbachuu dhabee mata'aan lafa laale. Achiin maayessa wonti bifa namaa fakkaatu harka ufii diriirsee hidhii kiyya qaqqabe; ani isaan «gooftaa kiyya! mudhanni kun waan na dhukkubseef nafti kiyya hin hadoode. Ani tajaajilaa kee ta'ee attamitti gooftaa kiyya woliin dubbachuu danda'a? ani haga hafuura baafachuu dadhabutti guddisee dadhabe» jedheen. Maleekkaan nama fakkaatu sun hennaa deebi'ee na qaqqabe ani jabeenna argadhe. Inni «ati nama Rabbiin afo'otti jaalatamte! waan misha'atu sii ta'a; hin sodaatin! jabaadhu!» naan jedhe; hennaa inni waan kana natti hime jabaadhee «Gooftaa kiyya waan jabeenna naa kenniteef natti dubbadhu!» jedheen. Inni deebi'ee akkana naan jedhe, «Ani waan gara kee dhufeef beettaa? ani wonti gara kee dhufeef waan kitaaba dhuga'aa irratti barreeffame sii ibsu'uuf; ani ammallee deebi'ee hafuura hamaa bulchaa mootii Faarisii woliin wol lola; haga ani deemeen maayessa hafuurri hamaan bulchaa mootii Giriikii hin dhufa; ta'ullee maleekkicha Mikaa'el jedhamu ka Israa'eliin eeguu achi ka biraa ka na gargaaru hin jiru. «Daariyoosiin biyya Meedoonii mooyee woggaa jalqabaatitti ani isa gargaaru'uu fi isa jajjabeessu'uuf isa bira dhaabadhe. Wonti ani amma sitti himuu dhuga'a.» Maleekkaan nama fakkaatu sun mootonni biraa sadiin Faarisiin irratti mooyan, mootiin arfeesso'oo ka isaaniin maayessa mooyu kaawwan caalaa duroomee kabajjama; sababaa duroomeef hennaa hunni isaa jabaate mootota kaawwan mari'achiisee mootii Giriikii irratti ka'a. Achiin maayessa mootiin lolaan jabaate tokko hin mooya; bulchiinsi mootummaa isaa hin guddata waan barbaade maraa hin godha. Hennaa hunni isaa jabaate ammo mootummaan isaa diiggamee adunyaa keessatti bakka afuritti qoodama; hulee isaa mootota fiixaa isaa hin taanetu bakka bu'a; ta'ullee isaan keessaa namni haga isaa jabaatu hin argamu; sababaan wonti kun ta'uuf mootummaan sun diiggamee deebi'ee kaawwanii waan qoqqoodamuuf. Mootiin biyya Misirii ka gara kibbaa guddisee jabaata; ta'ullee bulchoota loltoota isaa keessaa tokko isa caalaa jabaatee mootii guddisee jaba'aatii bulchaa ta'a. Woggaa hago'oon maayessa mootiin biyya Misirii mootii biyya Sooriya'aa woliin waadaa goshumma'aa gala; durba ufii mootii Sooriya'aatitti heerumsiisa; ammo sababaa isiin hunna ufii jabeeffachuu dadhabduuf hunni mootichaa waan hin jabaanneef wolii galteen mootumma'aa hin turu; kanaafuu isii, worra isii gargaaru, ijoollee isi'iitii fi tajaajiltoota isi'ii ajjeesan. Yoma san fira isi'ii keessaa namni tokko mooya; inni mootii Sooriya'aa woliin wol lola; inni kushee isaanii cabsee seenee isaan mooyata. Meeshaa fakii waaqa tolfamaa isaanii ka worqi'ii fi meetii irraa hojjatame booji'ee gara biyya Misirii fida; woggaa hago'oof mootiin biyya Misirii mootii biyya Sooriya'aatiin lolu'uuf hin ka'u. Achiin maayessa mootiin biyya Sooriya'aa bulchiinsa mootii biyya Misirii marsu'uuf dhufa; ammo akkuma dhufeen uf irra deebi'a. Ijoolleen dhiiraa ta mootii biyya Sooriya'aa lolaaf qophaayanii loltoota hedduu gurmeessan; isaan keessaa tokkochi akka lolaa jaba'aa hennaa dhufe waa haree fudhatuu ta'ee kushee diinaa irratti balaa buusa. Hennaa san mootiin biyya Misirii guddisee aaree mootii biyya Sooriya'aa woraanu'uuf ka'ee loltoota hedduu ka mootiin biyya Sooriya'aa hiriirse mooyata. Inni loltoota hedduu waan booji'uuf boonee namoota kumaatamatti laakkayaman fixa; ta'ullee akka mooyateen jabaatee hin turu. Mootiin Sooriya'aa gara biyya ufii deebi'ee ka qaraa caalaa loltoota hedduu gurmeessa; woggaa hago'oon maayessa loltoota hidhata guutuu woliin hiriirsee dhufa. Achiin maayessa namoonni hedduu mootii biyya Misirii didan, «Daani'eel! wonti mudhata kana keessatti mudhate maruu akka raawwatamu gosa kee keessaa namoonni gariin jeequmsa didda'aa kaasan; ammo isaanii hin ta'u. Kanaafuu mootiin Sooriya'aa qachattii kushee keessa jirtu takka marsee qabata; loltoonni biyya Misirii isa jala dhaabatuu hin danda'an; isaan keessaa worri jajjabaanuu isa jala dhaabatu'uuf hunna guddaa hin argatan. Loltuun gara kaabaatii dhufu waan barbaade godha; ka isa jala dhaabatee uf irraa dhooggu hin jiru; inni biyyi woyyoomtellee uduu hin hafne marsee qabata. Mootiin biyya Sooriya'aa loltoota ufii maraa qabatee duulu'uuf karoorfata; inni mootummaa diina ufii diigu'uuf durba ufii mootummaa diina ufiititti heerumsiisee akka isa gargaaru wolii gala; ta'ullee karoorri isaa hin ta'uuf. Achiin maayessa biyyoota daangaa galaanaa jiran irratti balaa buusee isaan keessaa heddu qabata; bulchaan loltootaa tokko ammo waan isa mooyatuuf uf jajuun isaa hin dhaabata; dhugamaan dubbiin arrabaa ka inni uf jaju'uun dubbate maruu isa irratti raawwata. Achiin maayessa mootichi gara kushee biyya ufii deebi'a; ammo inni gufatee waan kufuuf deebi'ee hin mudhatu. «Mootiin biraa bikka isaa mooya; mootiin kun ulfinna mootummaa ufii eeggachu'uuf jedhee nama gibira gabbarsiisu tokko muuda; ta'ullee mootii san hennaa hago'oon maayessa hin ajjeesan; inni ka du'u sababaa banii dhibe yookaan waan lolli itti ka'eefii miti» jedha'aa dubbate. Maleekkichi naa hiika'aa ture akkana jedhe, «Isaan maayessa namni tuffatamaan tokko hin mooya; ufii ammo ulfinni mootumma'aa hin kennamneef; inni dimmaa dhufee dharaan baallii mootummaa isaa qabata. Bulchoonni gadoota Rabbii uduu hin hafne, loltoonni hin hafne isa afo'oo xuruuramanii badan. Inni dharaan wolii galtee nagayaa taasisa'aa kaawwan soba; worri isa duukaa bu'an yoma hagoollee ta'an jabaata'aa deema. Namni kutaa biyya biraa ka guddisee duroome dimmaa isaan qabata; waan abboota isaa ta durii keessaa namni tokkollee hin goone maraa godha; meesha'aa fi qabeenna lolaan booji'ee fudhate maraa loltoota ufiitii qooda; kusheewwan irratti balaa buusu'uuf karoorfata; ammo hennaa hago'oof. Inni hunna lolaa guddaa ijaaree uggiiti'iin mootii biyya Misiriititti duula; mootiin biyya Misiriillee gara ufiitiin hunna lolaa guddaa qopheeffatee ka gara isaa dhaqe uf irraa dhoogga; garuu mootii biyya Misirii waan seeraniif isaa hin ta'u. Worri jaalalloon isaa ka isatti dhiyaatanii isa woliin nyaatan isa balleessan; loltoonni isaa hin badan; loltoonni hedduu lolaan du'an. Achiin maayessa mootonni lachuu akkuma garaa ufiititti dhara yaadanii qabataniin woliin nyaatu'uuf hulee tokko taa'an; namni tokko nama biraa sobu'uuf dubbii sobaa wolitti himan; ta'ullee hennaan murtaaye sun waan turuuf akka yaadan isaanii hin ta'u. Mootiin Sooriya'aa qabeenna booji'e maraa qabatee deebi'a; garaan isaa ammo waadaa woyyoome balleessa; inni waan barbaade maraa haga godheen maayessa gara biyya ufii deema. Inni hennaa hago'oon maayessa biyya Misirii marsa; ta'ullee akka duraa isaa hin ta'u. Worri Rooma'aa yabalaan dhufanii waan isa woraananiif inni guddisee naya; inni uf duuba deebi'ee guddisee lolee waadaa woyyoome ka worra Yihuudi'iitii kenname batteessa; inni deebi'ee namoota amantaa ufii ganan woliin wol hin mormu. Loltoonni mana woyyu'u fi naannaya san hin batteessan; ciincaan hennaa maraa dhiyaatu akka hin dhiyaanne godhan; isaan waan battii nama jibbisiisu godha'aa badii fidan. Mootichi worra armaan dura waadaa Rabbii ganan maraa soba'aa gargaarsa isaan irraa argata; namoonni Rabbiin akka barbaachisutti beekan ammo jabaatanii mooticha jabeessanii morman. Ogeeyyiin banii keessa jiraatan banii barsiisa'aa akka isaan beekumsa argatan taasisan; ammo hennaa hago'oof worra ibiddaa fi guraade'eef ifa bayan ta'an; qabeenni isaanii saamamee hidhaman. Hennaa rakkinni guddaan kun isaan irra gaye namoonni gariin gargaarsa diqqoo isaanii godhan; namoonni hedduu uduu amanamumma'aan hin taane fakkeessa'aa wol gargaaran. Ogeeyyii keessaa namoota garii rakkoo gudda'atu isaan irra gaya; ta'ullee sababaa kanaaf gingilfamanii qulqullaayanii worra mudaa hin qabne ta'an; wonti kun ka akkanatti turu hennaan dhumaa ka Rabbi karoorse haga raawwatuuf. Mootiin biyya Sooriya'aa waan barbaade maraa hin raawwata; inni waaqolee maraa caalaa ol uf guddisa; Waaqa waaqolee maraa ol jiru irratti dubbii arrabaa ka armaan dura dhagayamee hin beenne dubbata; wonti karoorfame maruu waan hojjatamuu barbaachisuuf guyyaan lola Rabbii haga gawuuf wonti maruu isaa ta'a. Mootichi waaqolee abboota ufii ta durii hin diqqeessa; waaqolee dubartoonni jaalatanillee hin tuffata; inni akka waan waan maraa caaluutitti waan uf laakkayuuf waaqolee marattuu lash jedha. Kanniin caalaa waaqolee ormaa ka kushee eegan kabajja; Waaqa armaan dura abboota isaa biratti hin beekkamnee worqii, meetii, faaya gara garaa, dhagaa gatii gudda'aatii fi kennaa gara garaa ka gatii mi'a'aa dhiyeessa'aa kabajja. Akka kushee isaa eegan namoota Waaqa ormaa waaqeffatan ramada; worra bulchiinsa isaa beekan maraafuu ulfinna guddaa kenna'aa banii irratti isaan muuda; worra jasaa isaa ta'anii ristii qooda. Hennaan sun yoo gaye mootiin biyya Misirii mootii biyya Sooriya'aatitti balaa buusa; ta'ullee mootiin biyya Sooriya'aa konkolaataa fardaa, farado'oo fi yabalatti fayyadamee lola gudda'aan uf irraa dhoogga; inni akka bisaan lolaa gudda'aatitti haree biyyoota hedduu marsa. Biyya abdi'ii ta bareeddullee hin marsa; biyyoonni hedduu isa jala ta'an; garuu biyyi Eedoomii, biyyi Moo'aabiitii fi biyyi Amoonii marfama san jalaa dheessanii bayan. Inni hennaa ballii ufii biyyoota marattuu babadhisu biyyi Misirii isa jalaa dheessitee hin baatu. Inni worqii, meeti'ii fi waan kabajjamaa biraa maraa hulee biyyi Misirii itti dhossitee fudhata; Liibiya'aa fi Itoophiyaallee hin mooyata. Achiin maayessa oduun baya biiftu'uutii dhufuu fi ka gara kaabaatii dhufu isa naasisa; inni guddisee lolee namoota baay'ee fixee isaan dhabamsiisa. Inni hulee mishaa galaanaa fi tulluu mana woyyuu jidduu jiru irratti daasee guddaa mootumma'aa dhaaba; wonti kunniin maruu ta'ee dhuma irratti inninuu hin bada; ka isa gargaaru hin argatu.» Maleekkaan mudhata naa ibse deebi'ee akkana naan jedhe, «Bulchaan maleekkotaa guddaan Mikaa'el ka banii kee eegu hennaa san hin mudhata; hennaa fiixaan namaa uumame irraa jalqabee rakkoo guddaa mudhatee hin beennetu ta'a; garuu hennaa san baniin biyya keetii ka maqaan isaanii kitaaba Rabbii irratti barreeffame hin fayyan. Worri du'anii lafa jala jiran maruu hin ka'an; isaan keessaa gariin yoo gara jireenna bara baraa seenan gariin gara saalaa fi salphinna baraa haga bara baraa ergaman. Hennaa san ogeeyyiin akka ifa sami'iititti ifan; worri namoota hedduu barsiisa'aa karaa hamaa irraa gara hujii misha'aa deebisan maruu akka urjii sami'ii baraa haga bara baraa ifan.» Inni deebi'ee akkana naan jedhe, «Daani'eel! haga dhumti adunya'aa dhufutti kitaaba cufii kaayi; dubbii raagaallee dhossii kaayi; hennaa san namoonni hulee tokkoo gara hulee tokkoo deeman waa qoruunii fi waa beekuun hin baay'ataa.» Achiin maayessa namoota lamaa ka laga gamaa fi gamana dhaabataniiran arge. Isaan keessaa tokko uffata diimaa dhiilgee haphii uffatee maleekkaa qaccee lagaa gubaa dhaabateeruun «wonti nama maalalchiisu kun raawwatu'uuf hagam tura? jedhee isa gaafate. Maleekkaan uffata diimaa dhiilgee haphii uffatee qaccee lagaa gubba'aan dhaabateeru harka ufii lamaan gara sami'ii ol badhisee «maqaa Waaqa baraa haga bara baraatii woggaa sadihii fi ji'a jahaa tura; rakkoon banii Rabbii irra gayu hennaa dhaabate wonti kunniin maruu hin raawwatama» jedhee kakate. Ani waan maleekkaan dubbate maraa hin dhagaye; ammo naa hin galle; kanaafuu «Gooftaa kiyya! bu'aan waan dhuma maraatuu maal ta'inna?» jedhee isa gaafadhe. Innillee, «Daani'eel! haga dhumti adunya'aa gawuuf dubbiin dubbii raagaa dhossaa ta'ee waan turuu barbaachisuuf ati ka'ii deemi. Namoonni hedduu gingilfamanii qulqullaayanii bayanii worra mudaa hin qabne ta'an; worri hammeeyyiin ammo womaa waan hin qaabanneef hammeenna irratti hammeenna eda'a'aa deeman; worri dandeettii waa hubatu'uu qabaatan ogeeyyii calla'a. Hennaa ciincaan hennaa maraa dhiyaatu akka addaan citee battummaan badi'ii badaan raawwatamu godhame irraa jalqabee guyyoota kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi sagaltamatu lufa. Guyyoonni kuma tokkoo fi dhibba sadihii fi soddomii shanii haga lufanitti namni amantii ufii eeggatee jiraate eebbifama'a. «Atillee Daani'eel! haga dhumaa amanamumma'aan jabaadhuu jiraadhu; achiin maayessa hara baafattaa; akkaataa kanaan yoo duute du'aa kaatee guyyaa dhumaatitti gatii ulfinna keetii argattaa» jedhee naa deebise. Baroota Ooziyaan, Iyyo'aataam, Akaazii fi Hisqiyaas Yihuudaa irratti yeroo adda addaatittii mooyan; akkasuma bara Iyyoorbi'aam ilmi Yoo'aasii Israa'eliin irratti mooye dubbiin raagaa ka Rabbi Hosee ilma Bi'eeriititti mudhise kana. Rabbi karaa Hose'eetiin hennaa banii Israa'eliititti dubbii ufii himuu jalqabu Rabbi Hose'een «Baniin kiyya na irraa fooyamee hujii seebaraa badaa hojjata'ara; eeganaa ati deemii intala seebartu fuudhii isii irraa ijoollee seebaraa uumadhu» jedheen. Kanaafuu Hoseen deemee Goomeerii intala Dibilaayimii fuudhe; isiin ulfooftee ilma deetteef. Achiin maayessa Rabbi Hose'een, «Ani sababaa Iyyu'uu fi fiixaan isaa namoota Iyiziraa'eliin keessatti ajjeesaniitiif maatii Iyyu'uu adabu'uuf hin turu; mootummaan Israa'eliillee akka badu godha. Ani hennaa san dhooqa Iyiziraa'elii keessatti lola Israa'elii hin balleessa; kanaafuu maqaa ilma keetii, Iyiziraa'el jedhii waami» jedheen. Goomeer hennaa lammeesso'ootiif ulfooftee intala deette; Rabbi Hose'een «Ani armaan maayessa banii Israa'eliititti jaalala kiyya hin mudhisu; isaanii hin araaramu; kanaafuu maqaa mucattii teetii Loruhaamaa jedhii maqaa moggaasi. Ani banii Yihuuda'aatitti ammo jaalala kiyya mudhisa; ani Rabbi Waandhi isaanii isaan oolcha; ka isaan oolchuun hunna lolaatiinii miti; guraadee, buundhe'ee fi eboo yookaan fardaa fi worra fardaan lolaniinii miti» jedheen. Goomeer haga Loruhaamaa harma guufteen maayessa deebitee ulfooftee ilma deette. Rabbi Hose'een «Armaan maayii baniin Israa'elii kiyyaa miti; ani Waaqa isaaniitii miti; kanaafuu maqaa ilma keetii Lo'aamii jedhii maqaa moggaasi» jedheen. Baay'inni banii Israa'elii akka shasharee qarqara galaanaa ka laakkayamuu yookaan bikkamuu hin dandeenneeti; amma Rabbi «Isin banii kiyyaa miti» uduu isaaniin jedhelle'ee hulema kanatti ijoollee Rabbii jiraata'aa! jedhamanii hennaan waamaman hin dhufa; Hennaa san baniin Yihuuda'aatii fi baniin Israa'elii tokko ta'an; bulchaa isaan lachuu bulchu hin filatan; deebi'anii biyya ufii keessatti guddatanii duroomanii jiraatan; guyyaan Iyiziraa'elii guddaa ta'a. Kanaafuu isin worra Israa'elii obboleeyyan keessan ka dhiiraa, «Amii » obboleeyyan teessan ta intalaa «Ruhaamaa » jedha'aa maqaa moggaasaa'a. Ijoollee tiyya! armaan maayessa haati teessan waan haadha manaa tiyya hin taanee fi anillee waan abbaa manaa isi'ii hin taaneef laalcha seebarumma'aatii fi seebara ufii akka dhiiftu isii gorsaa'a. Isiin yoo deebi'uu baatte garuu akka guyyaa dhalatteetitti qullaa isii hambisa; akka lafa gogee duwwaa ta'ee isii taasisa; dheebu'uun isii ajjeesa. Ijoolleen isi'ii waan intala seebartu irraa dhalataniif ani garaa isaanii hin laafu. Haati isaanii waan seebartuu taateef isiin akkaataa nama saalfachiisuun isaan ulfoofte; isiin wonti waan kana gooteef jaalalloota tiyya ka buddeena, bisaan, uffata suufi'iitii fi jirbii irraa hojjatame, sayiti'ii fi waan dhugu naa kennan duukaa deema jetteeti. Kanaafuu ani karaa isi'ii qore'een cufa; karaa baatuun akka hin arganne naannaya isi'ii dhaga'aan dallaya. Isiin jaalalloota ufii duukaa deemti; garuu isaan dhaqqabuu hin dandeettu; isaan soxxi; garuu isaan hin argitu; isiin ani ammaa achi jireenna ammaa irra ka durii naa woyya; kanaafuu gara abbaa manaa kiyya ka duraa deema jetti. Isiin ka midhaan, daadhii woyini'ii dhadhaa ejersaa kenneef akka ana ta'e sirima hin hubanne; meeti'ii fi worqii ani guddisee isi'ii kenne waaqa tolfamaa Ba'aal jedhamee waamamuu dhiyeessite. Midhaan hennaa haama'aa woyiniillee hennama inni gayetti jalaa fudhadha; uffata suufi'ii fi jirbii irraa hojjatame ka nafa ufii qulla'aan dhoffattullee jalaa fudhadha. Ani jaalalloo isi'ii afo'otti qulla isii hambisa; ka harka kiyyaa isii hambisu hin jiru. Ani ayyaannan isiin itti gammaddu ka sambattanii, ka wogga'aatii fi ka ji'aa maraa hin balleessa; ayyaannan isi'ii ka addaa maraa akka isiin hin kabajjine taasisa. Biqiltuu woyini'iitii fi muka hurbu'uu ka isiin jaalalloo ufii irraa fudhatte hin bubuqqisa; qonna isi'ii ka woyini'iitii fi ka daraaraa gara garaa gara bosonaatitti jijjiira; bineensonni bosonaallee isa nyaatan. Ani isiin ana dhiiftee waan waaqa tolfamaa «Ba'aal» jedhamuu hixaana aarsa'aa faaya gara garaa godhattee jaalalloota ufii duukaa deemteef isii adaba jedha Rabbi. Kanaafuu ani deebi'ee gara lafa gammoojji'ii isii fidee achitti dubbii jaalalaatiin sossobee isii gorsa. Dhaaba woyini'ii ka duraa isi'ii deebisa dhooqa rakkinnaallee akka balbala abdi'ii isi'ii ta'u godha; achitti hennaa biyya Misiriitii baatu akka hennaa ijoollumma'aan jirtuutitti gammachu'uun faarfatti. Guyyaa san ana Rabbiin, «Abbaa manaa kiyya» jedha'aa na waamta malee akka waaqa tolfamaa Ba'aalii gooftaa kiyya jedha'aa na hin waamtu. Isiin afaan ufii keessaa maqaa waaqa tolfamaa Ba'aalii balleessu'uuf maqaan isaanii lammata hin waamamu. Ani hennaa san waan keessaniif bineensota, simbirran sami'iitii fi uumama gara'aan lafa irra looyan woliin waadaa gala; ani lafa irraa buundhee, guraade'ee fi lola balleessee akka isin nagayaan hara baafattan godha. Israa'el! ani baraa haga bara baraa akka haadha manaa tiyyaa si taasifadha; akka ati balchummaa'a, haqummaa'a, jaalala baraa haga bara baraatii fi araaraan; akka haadha manaa tiyyaa akka taatu si taasisa. Ani waadaa kiyya eegu'uun akka haadha manaa tiyyaa si taasisa; atillee akka ani Rabbiin ta'e beetta. Rabbi akkana jedha, «Ani guyyaa san deebii sii deebisa; ani sami'ii deebii deebisa; samiiwwanillee lafaaf deebii deebisan; Laftillee midhaan, woyini'ii fi dhadhaa ejersaa kennu'uun Iyiziraa'elii deebii deebifti. Ani biyyattii keessatti banii kiyya ijaaree, akka durooman taasisa; worra ‹araara hin argatan› jedhamanii hin araarama; worra ‹banii kiyyaa miti› jedhaman ani ‹banii kiyya› isaaniin jedha; isaan anaan ‹Ati Waaqa keenna› naan jedhan» jedha. Rabbi akkana naan jedhe, «Worri Israa'elii gara waaqa tolfama'aa dhaqanii daraaraa woyini'ii ka goge yoo dhiyeessuu barbaadanillee Rabbi woma kana woliin isaan jaalata; atillee akkasuma gara dubartii seebartu ta jaalalloo qabduu deemii jaaladhu.» Kanaafuu ani isii birrii kudha shanii fi garbuu kiiloo dhibbaa fi shantamaatiin bite. Ati uduu hin seebarree fi qaama kee dhiira tokkoofillee uduu hin kennine ana eega'aa hennaa dheera'aaf turuu si barbaachisa; anillee akkasuma sii godha jedhee isi'itti hime. Akkaataa kanaan baniin Israa'elii mootii, bulchaa, ciincaa dhiyeesuu'u, soodduu'u, uffata gadumma'aa uduu hin uffannee fi fakii waaqa tolfama'aa malee baroota hedduuf jiraatan. Armaan maayii worri Israa'elii gara Rabbii Waaqa ufiitii fi gara mootii ufii gara Daawitii deebi'an; baroota maayessaatitti soda'aan gara Rabbii dhufanii eebba isa irraa fudhatan. Banii Israa'elii! Rabbi namoota biyya kana keessa jiraatan maraa waan ajiifatu qaba; kanaafuu waan inni siin jedhu maraa dhagayi; «Biyyattii keessa amanamummaan, jaalalaa fi Rabbiin beekuun badeera. Isaan waadaa kaku'uun galan diiganii soban, hin ajjeesan, hin hatan, hin seebaran, miidhaanii fi ajjeechaan baay'ateera. Sababaa kanaaf biyyatti'itti rakkoo caamaatitu dhufa; worri isii keessa jiraatan maruu hin dadhaban; horiin, simbirranii fi qurxummiin galaana keessaa maruu hin dhuman. Rabbi akkana jedha, «Gadoota ani isin ajiifadha malee ka banii himatu yookaan ajiifatu hin jiraatin. Isin gadoota nana! ifa guyya'aatiin bararraaxxan; raattonnillee halkan isin woliin dukkana keessa bararraaqan; kanaafuu ani biyya haadha teessanii hin balleessa. Baniin kiyya sababaa kolbatti na beekuu dhabeef badeera; isin waan na beekuu hin barbaanneef akka gadoota tiyya taatanii na tajaajiltan hin barbaadu; isin waan seera kiyya tuffattanii irraafattaniif ijoolleen teessanillee hin irraanfataman. «Isin gadoota, akkuma baay'inni keessan eda'a'aa deemuun yakki keessanillee afoo kiyyatti baay'ata'aa deemeera; kanaafuu ani ulfinna keessan isin irraa mulqee isin salphisa. Cubbuun banii kiyyaa karaa isin ittiin duroomtan waan ta'eef baniin akka guddisanii cubbuu hojjatan barbaaddan. Isin gadoonni akkuma bani'ii taataniirtan; kanaafuu adabbiin banii irra gayu isin irrallee hin gaya; gatii hujii hammeenna keessaniillee hin kaffaltan. Baniin kiyya ana Rabbiin waan dhiisaniif hin nyaatan garuu hin quufan; hulee worri Yihuudii hin taane irratti sagadan irratti seebaran; garuu ijoollee hin uumatan» jedha. Rabbi akkana jedha, «Hujiin seebaru'uu daadhii woyini'ii ka turee fi haarawa obaasa'aa sammuu banii kiyyaa balleessaniiran. Kanaafuu waaqa tolfamaa muka irraa hojjatame gorsa gaafatan, uleen isaan moraniin gaafii isaaniitiif waan deebii isaanii deebisu seeyan; isaan hafuura seebaraatiin masakkamanii Rabbiin irraa fagaataniiran. Isaan gaarran irratti ciincaa dhiyeessan; tulloota irrattillee kennaa dhiyeessan; isaan waan kana qilxuu mishaa gudda'aa fi ka haafni isaa babadhatee gaaddisa qabu, muka balasii jedhamuu fi hindheessa jalatti dhiyeessan; sababaa kanaaf ijoolleen durbaa teessan seebartoota ta'an; haawwonni manaa ilmaan teessaniillee hin seebaran. Ta'ullee ijoolleen durbaa teessanii fi haawwonni manaa ilmaan teessanii waan seebaraniif hin adabu; sababaan adabuu dhabuuf isin worri dhiiraa dubartoota mana woyyuu keessatti seebaran duukaa bu'a'aa isaan woliin waaqeffannaa ormaa raawwattan; kanaafuu baniin hubannaa hin qabne hin bada. Banii Israa'elii! isin yoo seebartanillee banii Yihuuda'aa yakkamtoota hin taasisinaa'a; gara Gelgela'aa yookaan gara Beeti'aweenii hin dhaqinaa'a; ‹Rabbii jiraataa'a› jedha'aa hin kakatinaa'a. Baniin Israa'elii akka raada dhibduu dhibaa ta'aniiran; eeganaa Rabbi isaan akka korbeeyyii hoolotaa attamitti hulee misha'atti isaan bobbaasa? Baniin Israa'elii waaqeffannaa waaqolee tolfama'aatiin waan wolitti hidhamaniif isaan dhiisaa'a; waan barbaadan haa godhanii. Haga daadhii woyini'ii guddisanii dhuganiin maayessa hujii ufii ka seebaraatitti ka'an; bulchoonni isaanii guddisanii waan nama saalfachiisu hojjachuu jaalatan. Isaan haguma qilleensi fuudhee isaaniin deemuutitti fagaatan; ciincaa waaqa tolfama'aa dhiyeessanittillee hin saalfatan. «Isin gadoonni! waan kana dhagayaa'a! isin banii Israa'elii hubadhaa'a! isinillee maatiin moototaa waan kana dhagayaa'a! murtiin isinitti dhufeera; isin Mitsipha'atti akka woshaado'oo, Taaborittillee akka siiboo gingilcha'aa taataniirtan. Worri dhiban hujii ajjeecha'aa babadhifataniiran; kanaafuu ani isaan maraa hin adaba. Israa'el ani haala kee maraa waan beekuuf na jalaa dhokatuu hin dandeettu; seebara waaqeffannaa waaqa tolfama'aatiinillee battoofteerta. Hafuurri seebaraa banii Israa'elii keessa waan jiruuf Rabbiinillee waan hin beenneef hujiin isaanii akka gara Rabbii deebi'an isaanitti hin dhiisu. Dhaaduun baniin Israa'elii dhaadatan isaanitti rageessa; cubbuun isaanii gufachiisee isaan kuffisa; baniin Yihuuda'aallee isaanuma woliin gufatanii kufan. Isaan hoolotaa fi horii ufii ciincaa godhanii dhiyeessu'uuf oofanii Rabbiin soqaa deeman; inni waan isaan irraa fooyameef isa hin argatan. Isaan worra waaqolee tolfamaa waaqeffatan waan ta'aniif Rabbiif amanamtoota hin taane; ijoolleen isaanii akka ijoollee waaqa tolfama'aatitti laakkayaman; kanaafuu jalqaba ji'a kanaatitti isaanii fi biyyi isaaniillee wolumaan badan. Isaan lolaaf akka bayan Gabaa'onii fi Raama'atti laagaa xurumba'aa dhageessisan; Beeti'aweenitti «Gosa Biiniyaamii! nu'u si woliin jirra jedha'aa iyyaa'a! Guyyaa adabbi'ii Israa'el ona taati; badiin kun ka ani dhugamaan akka gosa Israa'elii irra gawu murteesse. Rabbi akkana jedha, «Bulchoonni Yihuuda'aa akka namoota daangaa Israa'elii diiganii ta'aniiran; kanaafuu ani lola kiyya akka lolaa bisaaniititti isaan irratti buusa. Israa'el waan duwwaa duukaa bu'a'aa waan jabaateef miidha'aa fi haqummaa dhabuun isa irra gaye. Kanaafuu akkuma kokeenii fi xiinxanaan midhaanii fi muka balleessu anillee akkasuma Israa'elii fi Yihuudaa hin balleessa. Israa'el akka dhibame, Yihuudaanillee akka madaaye hennaa arge Israa'el fuula ufii gara mootii Asoorii deebise; gargaarsa argachu'uuf gara mooticha gudda'aa ergaa erge; inni ammo isaan hambisuu yookaan madaa isaanii fayyisuu hin dandeenne. Ani sababaa kanaaf Israa'eliin akka leencaa; Yihuudaallee akka leenca darmi'ii ta'ee isaan caccabsee deema; ani butee isaa fudhadha; eennullee isaan hambisuu hin danda'u. Isaan hennaa rakkoon isaanitti baay'atu na soqan; kanaafuu badii ufii hojjatan hubatanii gara kiyya haga deebi'anitti ani isaan irraa fagaadha.» Baniin akkana jedha, «Koottaa'a! gara Rabbii deebinaa! inni akkuma nu cabse nu fayyisaa; inni akkuma nu madeesse madaa keenna yaalaa. Nu'u isa afo'otti akka jiraannu guyyaa lamaan maayessa nu haarawoomsa guyyaa sadeesso'ootitti nu kaasa. Koottaa'a Rabbiin haa beennuu; shakkii malee isa duukaa haa buunuu; inni akka ifa bariisa'aatii fi akka badheessaatitti dhugamaan gara keenna dhufa.» Rabbi akkana jedhe, «Isin banii Israa'eliitii fi banii Yihuuda'aa! ani maaluma isin godha? jaalalti isin naaf qabdan akka fixeensa ganamaa dafee bada. Ani karaa raattota tiyyaatiin akka isaan balleessu, dubbii kiyyaanillee akka isaan ajjeesu isaan seere; kanaafuu murtiin kiyya akka ifa ganamaa ifa. Ani ciincaa caalaa jaalala hin jijjiiramne jaaladha; ciincaa ciincayu caalaa ana Rabbiin beekuu keessan filadha. Isaan hennaa gara biyya ufii galan waadaa hulee ‹Adaam› jedhamutti na woliin galan hin diigan, isaan akka naaf amanamtoota hin taane mudhisan. Gala'aad qachaa namoonni hammeeyyiinii fi worri dhiiga namaa jissa'aa nama ajjeesan keessa guuteeru taateerti! Akkuma saamtonni nama ajjeesu'uuf gaadan akkasuma godhan; isaan karaa gara Seekemii fiduutiin gaada'aa nama ajjeesa'aa yakka nama saalfachiisu raawwatan. Ani waan guddisee nama jibbisiisu banii Israa'elii biratti argeera; innillee baniin waaqolee tolfamaa waaqeffata'aa seebaraan battaayaniiran. Isin banii Yihuuda'aa! ani guyyaa isinittillee murteessu qopheeffadheera. «Ani banii kiyya Israa'eliin fayyisu'uu fi akka durooman hennaa godhuu barbaade yakki bani'iitii fi hammeenni Samaariya'aa ifa ta'ee mudhata; isaan soba wolitti dubbatan; mana cabsa'aa hatan; gare gare'een ta'anii kara'atti baya'aa saaman. Garuu akka ani hammeenna isaanii kana maraa qaabadhu sirima hin hubatan; sababaa kanaaf cubbuu ufiitiin marfamaniiran; hujiin hammeenna isaanii maruu ka na jalaa dhokatee miti. Rabbi akkana jedha, «Isaan mootii ufii hammeenna ufiitiin, worra jajjabaa sobaan gammachiisan. Isaan maruu hin seebaran; namni daabboo godhu haga dukkuussiin dukkuufame sun bukaawutti ibidda jala tuquun hin barbaachifne akka gaamsee oo'eeti. Worri jajjabaan guyyaa ayyaana mootii isaanii daadhii woyini'ii guddisanii dhuganii machaayanii dhibaman ka daabboo godhu namoota baldanitti mudhisu'uuf harka ufii kaase. Daba hojjachu'uuf garaan isaanii akka gaamse'ee oo'a; lolli isaanii halkan guutuu uduu aaru bula; yoo lafti bariitu ammo akka ibidda bobayuutitti mallisa. Isaan maruu akka gaamse'eetitti lolaan oo'anii bulchoota ufii fixan; mootota ufiillee kore kore'een fixan; hennaa wonti kun maruu ta'u isaan keessaa namni tokkollee ka gargaarsa na gaafate hin jiru» jedha. Rabbi akkana jedha, «Baniin Israa'elii worra Yihuudota hin taanetti makaman; isaan sababaa kanaaf akka xoroshoo gara hin gallee worra bu'aa hin qabne ta'aniiran. Worri ormaa hunna isaanii fixan; isaan ammo hin hubanne, arrii babbaasaniiran; isaan ammo hin hubanne. Banii Israa'elii dhaaduun isaaniituu isaanitti rageessa; kun maruu ta'ee isaan gara ana Waaqa isaanii hin deebine, sirimaa na hin sondhe. Baniin Israa'elii akka handari'ii gara laafeyyi'ii fi worra sammuu dhidhu'uu ta'aniiran; kanaafuu isaan gargaarsa argachu'uuf hennaa tokko gara biyya Misirii iyyatan; hennaa tokko gara mootii Asoorii fiigan. Hulee isaan itti naannayan marattuu siiboo kiyya diriirsee akka simbiraatitti isaan qaba; hujii hammeennaa ka isaan hojjataniifillee isaan adaba. Isaan waan na irraa fagaatanii deemaniif isaan hobbaas! isaan waan na dhibaniif badiin isaanitti haa dhuftu; ani isaan oolchuu barbaadee ture, isaan ammo na irratti soba dubbatan. Isaan siree ufii irra ciisanii iyyan malee gara'aan na hin kdhatan; isaan midhaanii fi daadhii woyini'ii argatu'uuf jedhanii nafa ufii cicciran; natti ka'an. Ka isaan leenjisee fi ka hunna isaanii jabeesse ana; isaan daba natti yaadan. Na irraa fagaatanii gara waaqeffannaa duwwa'aa deebi'an, akka buundhee waan itti bikkatan dhabee baduu ta'aniiran; bulchoonni isaanii sababaa waan hamaa dubbataniif guraade'een dhayamanii du'an; isaan worra biyya Misirii biratti worra kolfaa ta'an.» Rabbi akkana jedha, «Baniin kiyya waan waadaa kiyya diiganii fi isaan seera kiyya cabsanii diinni mana kiyya irratti akka rumichaa waan naannaya'aaruuf xurumbaa isaan seeru afuufaa'a!» Isaan anaan, «Waaqa keenna! nu'u baniin kee si beenna jedha'aa gara kiyya iyyan. Garuu baniin Israa'elii waan mishaa waan jibbaniif diinni isaan ari'a. «Isaan fedha kiyya malee mootota moosisan; uduu na hin gaafanne abboota murti'ii muudan; isaan waaqolee tolfamaa isaan balleessan meeti'ii fi worqii ufii irraa hojjatatan. Isin banii Samaariya'aa! ani waaqa tolfamaa fakii waati'ii keessan jibbeera; dheekkamsi kiyya akka ibiddaatitti isin irratti bobaya; isin haga yoomii badii irraa qulqullaayuu diddan? Fakiin waaqa tolfamaa waati'ii kun ka harka nama ogeessaatiin hojjatame waan ta'eef Waaqa ta'uu hin danda'u; kanaafuu waandhi tolfamaan Samaariya'aa ka fakii waati'iitiin hojjatame caccabee kufa. Isaan akka nama qilleensa waamee bubbee haamatuu ta'an; maqaan midhaanii ka hurbuu hin qabne midhaan ta'uu hin danda'u; yoma daraaraa qabaatellee kama worri ormaa nyaatan woyya. Baniin Israa'elii worra Yihuudota hin taane keessatti liqimfamanii akka meeshaa gatii hin qabnee ta'aniiran. Isaan akka harree wojjuma ufii lafa onaa keessa olii gad tarara baduu gara mootii Asoorii deeman; akka isaan eegan moototaa gatii kaffala'aa shelatan. Mootota Shelachu'uuf yoma gatii kaffalanillee ani hulee tokkotti wolitti isaan qaba; isaan miidhaa mootonninii fi abboonni murti'ii isaan irra geessaniin huqqata'aa deeman. Baniin Israa'elii hulee ciinca'aa heddu dhiifamsa cubbu'uutiif jedhanii hojjataniiran; huleen ciinca'aa sunniin ammo hulee cubbuu itti hojjatan ta'eera. Ani seera kiyya keessaa seera isaan ittiin bulan heddu barreessee isaanii kenne; isaan ammo akka waan keessumma'aatitti laakkayan. Isaan yoma ciincaa mishaa naa dhiyeessanii foon ciinca'aa uduu nyaatanille'ee ani Rabbi ufitti isaan hin fudhadhu; ani amma yakka isaanii isaanitti yaadee cubbuu isaaniitiin isaan adaba; isaan gara biyya Misirii hin deebi'an. Baniin Israa'elii mana mootumma'aa gugurdaa ufiif hojjataniiran; baniin Yihuuda'aallee qachoota hedduu kushee ijaarataniiran; kanaafuu ani ibidda qachoota isaaniitii fi kushee isaanii gubu isaanitti erga.» Banii Israa'elii! gatiin seebaraa ka hulee oobdi'ii maratti argamu eebba waaqa tolfamaa ba'aaliin irraa namaa kennamu seetanii isa jaalattan kana waan gootaniif Waaqa keessanii amanamtoota hin taane; kanaafuu isin akka banii kaawwanii gammadu'uu fi burraaquu dhiisaa'a! Isin ammaa achi oobdii keessan irraa midhaan, hulee woyinii itti cuunfan irraa sirima daadhii woyini'ii hin argattan. Baniin Israa'elii biyya Rabbi isaanii kenne keessa hin jiraatan; garuu giddi'iin gara biyya Misirii deebi'an; gara Asoorii deebi'anii midhaan seeraan qulqullaayee hin hojjatamne nyaatan. Achitti kennaa daadhii woyini'ii Rabbii dhiyeessuu hin danda'an; ciincaan isaanii Rabbiin hin gammachiisu; buddeenni isaanii ka hennaa beelayan nyaatan malee ka akka ciinca'aatitti gara mana Rabbii fidanii miti; kanaafuu buddeena gaddaa isaanii ta'a; ka isa nyaatu maruu hin battaaya. Eeganaa isin guyyoota ayyaanaa ulfaataa Rabbiif murtaayetti maal gootan? Isaan hennaa badii jalaa bayu'uuf dheessan biyyi Misirii wolitti isaan qabdi; Meemfiis isaan awwaalti; qabeenni meeti'ii ka isaan kuufatan maruu doobbii uffatan; hulee isaan jiraatanitti qore'etu biqila. Guyyaan adabbi'ii gayeera; worri Israa'eliillee akka guyyaan ani haluu isaan bayu gaye haa beekanii; isin sababaa badi'ii fi jibba keessaniitiin raatticha akka gowwa'aatitti, nama Hafuurri Rabbii isa irra jiru akka maraattu'uutitti laaltan. Rabbi raatticha tissee banii Israa'elii akka ta'u godheera; ta'ullee karaa marattuu siiboo isa jala kaayaniiran; mana woyyuu Waaqa ufii keessattillee lolatu isa eeggata. Baniin Israa'elii akka namoota bara Gabaa'onii turanii battaayaniiran; Rabbi badii isaanii yaadee waan cubbuu isaaniitiif isaan adaba. Rabbi akkana jedha, «Ani hennaa Israa'eliin arge akka nama lafa onaatitti hurbuu woyini'ii argatee ta'e; ani hennaa abboota teessan ta durii arge akka daraaraa muka hurbuu jalqaba gaye argee ta'e; isaan garuu hennaa Ba'alpheetsoriin gayan waaqa tolfamaa nama saalfachiisu sanitti dabarsanii uf kenna; isaanillee akkuma waaqa tolfamaa jaalatan sanii battoota ta'an. Guddinni banii Israa'elii akka simbiraa bararee bada; ammaa achi garaan isaanii hin taa'u; hin ulfaayan; hin dayanille'e. Isaan yoma ijoollee uumatanii guddisanillee ani isaan maraa waan qoomuuf worra ijoollee hin qabne ta'an; ani isaan irraa yoo fagaadhe isaan hobbaas!» Ani Israa'eliin akka meexxii lafa mishaa irratti dhaabanii ka taateetu arge; worri Israa'elii ammo ijoollee ufii qalmaaf dhiyeessan. Gooftaa kiyya! banii kanaa maal kennita; garaa irraa bawuu fi harma aannan hin baane isaanii kenni! Rabbi akkana jedha, «Isaan uduu Gelgelaa jiran hujiin isaanii hamaan ifa baye; anillee hujii isaanii hamaa kana achitti jibbuu jalqabe; ani hujii hamaa isaan hojjataniif biyya isaanii kenne keessaa isaan baasa; ani ammaa achi jaalala kiyya isaanitti hin mudhisu; bulchoonni isaanii maruu worra dhiban ta'aniiran. Baniin Israa'elii akka muka qilleensi dhayee hiddi isaa gogee daraaraa daraaruu hin dandeennee daraaraa malee hafan; yoma ijoollee uumatanillee ijoollee isaan guddisanii jaalatan isaan jalaa ajjeesa. Isaan waan isaa ajajamuu didaniif Waandhi kiyya isaan gata; isaanillee banii Yihuudota hin taane keessatti raantaya'aa jiraatan. Baniin Israa'elii akka biqiltuu woyini'ii ka hurbuu hedduu qabuuti, haguma daraaraa hedduu argataniin, hulee ciinca'aa heddu argataniin, hulee ciinca'aa heddu hojjatan; haguma lafti isaanii midhaan isaanii kennitee duroomaniin utubaawwan waaqa tolfama'aa ka hulee itti sagadanii bareechisanii hojjatan. Garaa isaanii keessa dharatu guuteera; gatii yakka ufii hin argatan; Rabbi meeshaa isaanii ka ciincaan irratti dhiyaatu maraa hin caccabsa; utubaawwan waaqa tolfama'aa ka hulee itti sagadanii maraa hin caccabsa. Baniin «Nu waan Rabbiin sodaachuu dhiifneef mootii dhabneerra; yoma mootii qabaannellee maal nuu godha?» jedhan. Kakuu sobaatiin waadaa gala'aa dubbii duwwaa dubbatan; kanaafuu akkuma lafa qonnaa keessatti aramaan hadhaa qabu biqilu akkasuma isaan keessattillee wol mormu'utu baay'ata. Baniin qachaa Samaariyaa keessa jiraatan waaqa tolfamaa fakii waatiyyo'ootiin hojjatame ka Beeti'aaweeniin keessa jiruu guddisanii sodaatanii hollatan; ulfinni isaanii waan isaan irraa mulqameef baniin hin booyan; gadoonni waaqa tolfama'aallee mararamanii iyyan. Waaqa tolfamaa gara biyya Asoorii fidanii mooticha gudda'aa akka kenna'aatitti dhiyaata; sababaa baniin Israa'elii gorsa hamaa duukaa bu'aniif saallinii fi salphinni isaan irra gaya. Mootiin Samaariya'aa akka hoomacha bisaan irraa ta'a. Huleen gugurdaan waaqolee tolfamaa itti waaqeffata'aa baniin Israa'elii cubbuu irratti hojjatan ka qachaa Aweerii jedhamu keessa jiran hin diiggaman; hulee ciinca'aa ka isaanii irratti qore'ee fi qummuuddu'utu baya; hennaa san baniin gaarraniin, «Nu dhossaa'a!» tullootaanillee «Nu golgaa'a!» jedhan. Rabbi akkana jedha, «Hennaa baniin Israa'elii Gibi'a'atti cubbuu hojjatan irraa jalqabee haga adhaa na gaddisiisuu hin dhiifne; kanaafuu Gabaa'oonitti lolli isaanitti ka'a. Ani worra dhiban kanniin hin adaba; worri Yihuudota hin taane maruu wolitti qabamanii isaanitti ka'an; sababaa baay'inna cubbuu ufiitiif adabaman. Israa'el akka raada leenjisa jaalattuuti; ani ammo lum'a isi'ii bareeda san irra qambara kaaya; akkaataa kanaan Yihuudaan hin qota; ijoolleen Yaaqoobii maruu xamadamanii lafa bulleessan. Ani isaaniin, ‹Eeganaa lafa bulte qotaa'a; balchummaa facaafadhaa'a; jaalala hin jijjiiramne wolitti qabadhaa'a; hennaan isin gara ana Waaqa keessanii deebitan amma! ani dhufee haqa isinii baay'isa› jedhe. «Isin ammo hunna keessanii fi baay'inna worra jajjabaa keessanii hedattanii hammeenna wolitti qabattan; daraaraa durummaa keessaniin argattan nyaattan. Banii keessan irratti lola gudda'atu dhufa; kusheen keessan maruu hin diiggaman; hennaan kun akka hennaa mootichi Sheelmaan qachaa Beeta'aarbeelii akkuma lolaan diigee fi haawwotallee ijoollee isaanii woliin lafa irratti jissee fixee ta'a. Worra qachaa Beeteelii keessa jiraattan! sababaa cubbuu guddaa hojjattaniitiif badiin kana fakkaatu isin irra gaya; akkuma simbirti wocceen lolli hennaa jalqabame mootii Israa'elii yoma san ajjeesan.» Rabbi akkana jedha, «Ani banii kiyya Israa'eliin daa'imumma'atti jaaladhe; ilma kiyya biyya Misiriitii waame. Garuu banii kiyya Israa'eliin haguma gara kiyya guddisanii akka dhiyaataniif isaan waame; isaan guddisanii na irraa fagaatan; isaan waaqa tolfamaa ba'aal jedhamuu ciincaa dhiyeessu'uu fi fakiiwwan isaatiifillee hixaana aarsuu hin dhiifne. Ka ijoollee isaanii qabee daaddee barsiise ana; ani ammadhee isaa qabee ture; isaan ammo akka ani isaan kunuunsu hin beenne. Ani gara laafummaa, namumma'aatii fi hidhaa jaalalaatiin isaan masakka'aa ture; qambara isaan irra jiru isaan irraa kaasee, gad jedhee isaan nyaachisa'aa ture. Isaan waan gara kiyya deebi'uu didaniif gara biyya Misirii deebi'anii mootii biyya Asoorii jalatti bulan. Eboon diina isaanii qachoota isaanii dhaya; balballan qachootaallee hin caccabsa; gorsa isaanii hamaallee isaan harkaa balleessa. Baniin kiyya na irraa fagaachuu barbaadan; ta'ullee gargaarsaaf ol iyyatan, eennullee rakkinna isaanii jalaa isaan baasuu hin danda'u. «Israa'el! attamiin si dhiisa? attamitti dabarsee si kennalle'e? waan Adaama'aa fi Tsabooyiin irra godhe, attamitti si irratti godha? jaalalli ani sii qabu guddaa waan ta'eef, waan kana maraa si irratti godhuu hin barbaadu! Ani ka isin jidduu jiru Waaqa woyyicha malee namaa miti; kanaafuu balaa lola kiyyaa hin fidu; deebi'ee Israa'eliin hin balleessu; lola kiyyaanillee gara keessan hin dhufu. «Ani Rabbi isaan fayyisu'uuf akka leenca aaduu hennaa laagaa kiyya dhageessise isaan na faanaa deeman; ijoolleen tiyya hollata'aa gara dhiya adu'uutii dhufan. Biyya Misiriitii akka simbiraatitti, biyya Asooriitii akka handari'iititti barara'aa dhufan; ani gara hulee jireenna isaanii isaan deebisa; ka waan kana dubbata'aaru ana Rabbi Waaqa keessan» jedha. Rabbi akkana jedha, «Baniin Israa'elii sobaan kijibaan na marsaniiran; Yihuudaan ammo ammallee karaa ani Rabbi isa masakkuun deema; ana woyyichaafillee amanama'a. «Baniin Israa'elii akka waan qilleensa cum'uu ta'a'aa guyyaa guutuu qilleensa baya biiftu'uu ari'a'aa oolee duwwaa ta'eera; sobaa fi dhibuu baay'isan; biyya Asoorii woliin wolii galtee godhatan; karaa biraatiin ammo sayitii ejersaa gara biyya Misirii ergan.» Rabbi banii Yihuuda'aa waan ajiifatuuf qaba; ijoollee Yaaqoobii akkuma jireenna isaaniitiin isaan adaba; haguma hujii hamaa hojjataniitiin gatii isaanii isaanii kaffala. Yaaqoob uduu gadaamessa haadha ufii keessa jiru obboleessa ufii ka lakku'uu firrisu'uuf koomee isaa qabe; haga guddateen maayessallee Waaqa ufii qabee, «Gad si hin dhiisu» jedhe. Maleekkaa woliinillee wondhaansa bayee jabaatee booyee araara kadhate; hennaa biraallee Rabbiin Beeteelitti argame nu dubbise. Rabbi Waandhi banii maraa maqaan inni ittiin beekkamu Rabbi. Kanaafuu isin gara Waaqa keessanii deebi'aa'a; jaalalaa fi haqa dhuga'aa jabeessa'aa qabadha'aa haga Waandhi keessan isin gargaaruuf obsaan eegaa'a. Rabbi akkana jedha, «Worri Israa'elii akka daldaltoota worra Kana'aanii ka madaala sobaa harkaa qabanii ta'aniiran; isaan madaala saniin soban. Israa'el ‹ani duroomeera; durummaa kiyyatti namni yakka yookaan cubbuu hin argu› jedhee dhaadata. Ka biyya Misiriitii masakkee isin baase ammo ana Rabbi Waaqa keessan; akkuma hennaa ayyaana daase'ee daasee keessa jiraattan akkasuma deebitanii akka daasee keessa jiraattan isin taasisa. Ani dursee afaan raattotaatiin dubbadheera; mudhata hedduu mudhiseera; karaa raattotaatiin mammaakaan dubbadheera. Kun maruu ta'ee Gala'aaditti waaqa tolfama'aa sagadan; worri waaqa tolfama'aa sagadan duwwaa ta'an; Gelgela'atti mirgoolee ciinca'aaf dhiyeessan; meeshaawwan isaanii ammo ka ciinca'aa caccabanii qonna keessatti tuulaa dhaga'aa ta'anii hafan.» Yaaqoob abbaan keenna ka durii dheessee gara Masephexoomiya'aa dhaqe; achitti intala fuudhu'uuf jedhee tissee hoolotaa ta'ee tajaajile. Rabbi karaa raatticha ergeetiin banii Israa'elii biyya Misiriitii masakkee baase; karaa raatticha saniitiin isaan kunuunse. Baniin Israa'elii ammo guddisee Rabbiin aarse; yakka hojjatanitti hin gaafataman; maqaa isaa waan arrabsaniif isaanitti murtaaya. Bara gofti Efreemii banii Israa'eliititti boonan worri waan isaan dubbatan dhagayan maruu hin hollatan; maayessa ammo waaqa tolfamaa ba'aal jedhamuu sagada'aa waan cubbuu hojjateef du'aan adabaman. Isaan ammallee ogummaa ufiitiin fakiiwwan baffamanii fi waaqolee tolfamaa meetii irraa hojjataman hojjata'aa cubbuu irratti cubbuu eda'atan, kunniin maruu hujii harka namaati; hujii harka namaa kanniinii ciincaa dhiyeessaa'a jedhan namoonnillee waaqolee tolfamaa bifa waatiyyo'ootiin hojjatamaniif sagadan. Sababaa kanaaf isaan akka hurrii ganamaatitti aaranii badan; akka fixeensa ganamaatittillee hin harca'an; akka habaqii bubbeen oobdii irraa haruu yookaan akka aara hulee aarri bayuutiin bayee dhumatuu ta'an. Rabbi akkana jedha, «Rabbi Waandhi keessan ka biyya Misiriitii isin baase ana; anaa achi Waaqa biraa hin qabdan; ka isin fayyisullee ana. Ona gammoojji'ii keessatti ka isin kunuunse ana. Haga gara biyya michu'uu galtan ammo akka quuftanitti nyaattanii guddiftanii uf jajjanii na irraanfattan. Ani sababaa kanaaf akka leencaatii fi Qeerransa karaa irra riphuu isinitti ta'a. Akka ilmoolee doobbaa jalaa fudhatame gootuu ani balaa isinitti buusa; isin ciccira; akka leenca nama nyaatuu isinitti ta'a; akka bineensa hamaa nama cicciruutitti isin ciccira. «Banii Israa'elii! lafa keessan irratti waan natti kaataniif ani isin balleessa; Isin akka ani mooti'ii fi bulchoota isinii kennu na gaafattanii turtan, eeganaa amma mootiin isin oolchu, bulchoonni waa isin irraa dhooggan eessa jiran? Ani aaree mootota isinii kennee ture; ammo dheekkamsa kiyya gudda'aan isaan balleesse. Cubbuunii fi yakki Israa'elii barreeffamee tuulameera. Israa'el abdii jiraachu'uu qaba; garuu akka daa'ima hennaan dhalatu gayee gadaamessa haadhaatii bayuu hin barbaanneetitti gowwaa ta'eera. Ani hunna ibidda asaabaa jalaa isaan oolchaa? du'a jalaa isaan baasaa? du'a! balaawwaa kee meeti? ibidda asaabaa! ka nama balleessituun meeti? ani garaa isaanii hin laafu. Inni yoma obboleewwan ufii jiddu'utti ka bu'aa qabu ta'ellee qilleensi baya biiftu'uu ka Rabbi ittiin waa adabu lafa onaatii ka'ee dhufa; burqaan isaa hin dhaabata; lanni isaallee hin goga; qilleensi meeshaa isaa ka gatii mi'a'aa maraa jalaa fudhata. Samaariyaan waan natti kaatee yakka hojjatteef hin gaafatamti; baniin isi'ii lolaan dhuman; daa'imma lafa irratti dhuman dubartoota ulfaa garaan hin baqaqa.» Banii Israa'elii! isin sababaa cubbuu keessaniitiif waan gufattaniirtaniif gara Rabbii Waaqa keessanii deebi'aa'a. Waan himattan qabadha'aatii gara Rabbii deebi'a'aatii «Cubbuu keenna maraa nuu dhiisi, araaraan ufitti nu fudhu; daraaraa galataa mishaa afaan keennaa sii dhiyeessinaa. Asoor nu hin oolchu, faradoo isaa ka lolaa hin hedannu; nu'u ammaa achi waaqolee tolfamaa harka keennaan hojjanne maraa ‹Waaqa› jennee hin waamnu; Waaqa keenna! worri maatiin jalaa dhuman si'iin araara argatan» jedha'aanii'i. Rabbi akkana jedha, «Ani amanamuu dhabuu banii kiyyaa qajeelchee, gara kiyya isaan deebisa; dheekkamsa kiyya waan isaan irraa deebi'eef fedhuma kiyyaan isaan jaaladha. Ani banii Israa'eliitii akka fixeensa bu'uu ta'a; isaan akka abaaboo billiqqaayee bareedan; akka mukkiin Libaanosiititti hidda gad fageeffatan. Biqilli isaanii hin lalisa; akka muka ejersaatitti bareedan; akka bosona Libaanosii akka misha'atti urgaayan. Isaan deebi'anii gaaddisa kiyya jala taa'an; akka biqila midhaaniititti lalisan; akka dhaaba woyini'iititti abaaban; akka daadhii woyinii Libaanosii beekkamaa ta'an. Banii Israa'elii! ani waaqolee tolfamaa woliin wolii galtee maal qaba? ka kadhaa keessaniif deebii isinii kennuu fi ka isin kunuunsu ana; ani akka hindheessa hennaa maraa lalisee mudhatuuti; isin anaan worra bu'aa qabu taatan.» Worri ogummaa qaban waan kanniin hin hubatan; worri hubannaa qabanillee isaan beekan; karaan Rabbii qajeela'a; balchoonni isa irra deeman; cubbamtoonni ammo itti gufatan. Dubbiin raagaa ka Rabbiin irraa gara Iyyu'eelii ilma Baatu'eelii dhufe kana; Isin jaarsonni waan kana dhagayaa'a! worri Yihuudaa keessa jiraattan maruu waan kana caqasaa'a! wonti kana fakkaatu bara keessanitti yookaan bara abboota teessan ta durii keessatti ta'ee beekaa? Waan kana ijoollee teessanitti himaa'a; ijoolleen teessanillee ijoollee ufiititti haa himanii; ijoolleen ijoollee teessanii ammo dhaloota dhufutti haa himanii. Midhaan awwaannisa irraa hafe, tuuta korophiisaa ka olii gad yaa'utu nyaate; ka achi irraa hafellee tuuta korophiisaa ka akka kirfaffu'uu nama dhayutu balleesse; ka achi irraa hafe siqo'otu nyaate. Isin ammaa achi daadhii woyini'ii haarawa waan afaaniin hin tundheef isin worri machooftan hirribaa dammaqa'aa booyaa'a; isin worri daadhii woyini'ii hennaa maraa dhuddan mararama'aa booyaa'a. Tuunni korophisa biraa ka laakkobsaa fi haga hin qabne; akka loltuu nama marsuutitti gara biyya kiyyaa dhufeera; ilkaan isaa akka ilkaan leencaati; a'oon isaa akka a'oo leenca dhala'aati. Inni biqiltuu woyini'ii kiyya maraa hin balleessa; muka hurbu'uu kiyya hin mummura; haga haafni isaanii adii ta'anii mudhatanitti; quuncee isaa quuncisee gate. Kanaafuu isin akka durba jaalalloon isi'ii jalaa du'ee uffata gaddaa uffattee boottu booyaa'a. Midhaanii fi daadhiin woyini'ii ka akka kenna'aatitti mana Rabbiitiif dhiyaatu waan dhabameef gadoonnii Rabbiin tajaajilan haa booyanii. Qonni duwwaa ta'e; midhaan badeera; biqiltuun woyini'iillee gogeera; sayitiinillee badeera; kanaafuu biyyiti hin bootti. Qamadiinii fi garbuun, midhaan kuuwwan maruu waan badeef, isin worri qonnaan bultan gaddaa'a; isin abboonni biqiltuu woyini'iillee booyaa'a. Biqiltoonni woyini'iitii fi mukkiin hurbu'uu quureera; biqiltuun muka roomaanii, teemirri, agamsii fi daraaraan mukaa kuuwwan maruu goganiiran; sababaa kanaaf dhugamaan gammachuun sirima nama irraa fagaateera. Kennaan midhaaniitii fi daadhiin woyini'ii ka Waaqaa dhiyeessitan waan hin jirreef isin gadoonni Waaqa kiyya tajaajiltan! kootta'aa uffata gaddaa uffadha'aatii halkan guutuu booyaa'a! isinillee worri hulee ciinca'aatitti tajaajiltan banne! banne! jedhaa'a. Guyyaa soomaa ka addaa labsaa'a! wol geettii ayyaanaa taasifadhaa'a! jaarsotaa fi namoota biraa ka biyyattii keessa jiraatan maraa mana Rabbii Waaqa keennaatitti wolitti qaba'aatii achitti Rabbitti iyyadhaa'a. Banne! guyyaan Goofta'aa dhiyaateera! guyyaan Rabbiin waan maraa danda'u badii itti fidu gayeera; Guyyaa san hobbaas! Midhaan ija keenna afo'oo gammachuunii fi ililfachuun mana woyyuu Waaqa keennaa keessaa sirima badeera. Midhaan facaafame maruu biyyee keessatti shamee hafeera; midhaan waan dhabameef huleen midhaan itti kuusan maruu duwwaa ta'eera; gootaraan maruu diiggameera. Horiin marga dheedu dhabee wirtaaya; tinni hoolotaallee beelayanii guddisanii miidhama'aaran. Yaa Rabbi! marga raasa'aa maraa waan ibiddi nyaateef muka bosonaallee waan ibiddi gubeef ani gara kee iyya. Laggiiwwan waan jalaa goganiif, margi raasa'aa maruu waan jalaa gubateef bineensonni bosonnallee gara kee iyyan. Tsiyooniin keessatti xurumbaa afuufaa'a! gaara woyyuu irratti banqifadha'aa iyyaa'a! guyyaan dhufa Goofta'aa waan dhiyaateef worri biyyattii keessa jiraatan maruu haa hollatanii. Guyyaan sun guyyaa hurri'ii, guyyaa duumessaatii fi ka dukkana jaama'aati; akkuma ifti aduu ganamaa gaarran irra badhatu akkasuma tuunni korophiisaa guddaanii fi jabaan hulee marattuu badhata; wonti kana fakkaatu armaan dura hin mudhanne; armaan maayessallee hennaa kamiinuu hin mudhatu. Isaan biqiltuu isaan afo'otti argame maraa akka ibiddaatitti nyaatan; akka arraba ibiddaatittillee hin guban; biyyi afoo isaanii jiru ka isaan itti hin dhandhe; akka hulee dhaaba biqiltuu jeennata Eedanii keessaa lalisa'a; biyyi isaan keessa lufan ammo gammoojjii barbadaaye ta'a; wonti isaan jalaa dheessee bayu tokkollee hin jiru. Bifti isaanii akka bifa fardaati; gulufni isaaniillee akka farda lolaati; Akka gaarii fardaa laagaa hin dhageessisan; isaan qaccee gaaraa irra utaalan; akka ibidda buraa gubuu waa maraa guban; akka loltoota jajjabaa lolaaf qophaayanii hiriiranii deeman. Baniin hennaa isaan argan sodaatanii hollatan; namoonni maruu sodaatanii huqqatan. Akka loltootaatitti jala dhaabatan; akka worra duuluutittillee dallawa dhaga'aa irra utaalan; isaan maruu qajeelanii gara afo'oo deeman; mamanii karaa ufii hin jijjiiratan. Namni tokko nama biraa woliin wol hin dhiibu; maruu karaa ufii gad hin dhiisu; meeshaa diinaa diiganii lufan; ka isaan dhaabu hin jiru. Qachattii hin marsan; dallawa qachatti'ii irra fiiga'aa utaala'aa manniin irra koran; akka hattu'uutitti fodda'aan seenan. Lafti isaan jalatti hollatti; samiin hin raafama; aduunii fi jiini hin dukkanaayan; urjiiwwanillee hin ifan. Rabbi laagaa ufii ka akka laagaa gigissa'aa loltoota dhageessisa; Loltoonni hagam baay'atan! worri ajaja isaa fudhatan laakkobsaa ol; dhugamaan guyyaan Rabbii gudda'a; guddisee waan nama sodaachisuuf guyyaa san eentu danda'ee dhaabata? Rabbi akkana jedha, «Ammallee yoo ta'e, soomaan, booyichaan fi gadda'aa garaa guutu'uun gara kiyya deebi'aa'a. Isin gadda keessan mudhisu'uuf uffata keessan tarsaasuun gaya'aa miti; caala'atti garaa guutu'uun gara kiyya deebi'aa'a.» Rabbi Waandhi keessan arjaa'a, ka namaa dhiisu, ka lolaaf hin ariifanne, ka jaalala bara baraatiin duroomee fi ka adabbi'iif hin ariifanne waan ta'eef gara isaa deebi'aa'a. Maal laataa Rabbi Waandhi keessan lola ufii dhiisee eebba ufii isinii kennuu danda'a; isin hennaa san Rabbii Waaqa keessanii kennaa midhaaniitii fi kennaa dhuddo'oo dhiyeessitan. Gaara Tsiyoonii irratti xurumbaa afuufaa'a! baniin akka wol gawu waamaa'a! soomaa labsaa'a. Isin banii maraa hulee tokkotti wolitti qaba'aatii gumii woyyoomeef qopheessaa'a; jaarsota waamaa'a; ijoolle'ee fi daa'imman harma hootullee uduu hin hafne wolitti qabaa'a; idaayyonni golaa haa bayanii. Gadoonni Rabbiin tajaajilan hulee ciinca'aatii fi karaa wol bira lufaniin keessatti haa booyanii; «Gooftaa kiyya! banii keetii garaa laafi; Worri Yihuudota hin taane Waandhi keessan eessa jira? jedha'aa akka nu tuffatanii fi akka nu irratti baldan hin godhin!» haa jedhanii. Rabbi hinaaffaa biyyatti'ii qabuuf bani'ii garaa laafe; Kanaafuu akkana isaaniin jedhe, «Kunoo midhaan, daadhii woyini'iitii fi dhadhaa ejersaa haga quuftanitti isinii kenna; ammaa achi worri Yihuudii hin taane worra itti baldan akka isin godhan isaanitti hin dhiisu. Tuuta korophiisaa ka gara kaabaatii isinitti dhufu isin irraa fageessa; gara lafa gammoojji'iitii fi gara lafa onaa isaan ari'a; worra afoo keessan jiran gara galaana du'aa, worra isin duuba jiran gara galaana Meditiraaniyaanii isinii ari'a; achitti reeffi isaanii shamee ajaaya; dhugamaan ani Rabbi waan guddaa isinii godheera. «Laftana hin sodaatin; Rabbi waan guddaa waan sii godheef gammadi! burraaqi. Busaayaa lafa irraa hin sodaatinaa'a; huleen isin itti bobbaatanii dheeddan laliseera; mukkiinillee daraareera; munni hurbu'uutii fi daraaraan woyini'ii guddisee baay'ata. Isin banii Tsiyoonii! Rabbii Waaqa keessaniin gammadaa'a; burraaqaa'a; Inni qajeelchee murteessee akkuma duraanii ji'oota bonaatii fi ji'oota gannaa rooba gayaa isinii kenneera. Oobdiin midhaaniin guuttama; daadhiin woyini'iitii fi dhadhaa ejersaa boolla woyinii itti cuunfan guutee irra cambalaqa. Midhaan tuunni korophiisaa, awwaannifni, siqoonii fi tuunni awwaannisaa ka qilleensa keessa bararan isin jalaa balleessan hule'etti isinii deebisa. Guddiftanii nyaattanii quuftanii ana Rabbii Waaqa keessan ka waan maalale'ee guddaa isinii godhe galatoonfattan; baniin kiyya ammaa achi salphatee hin saalfatu. Banii kiyya! isin akka ani jidduu keessan jiru, Waandhi keessan akka ana callaa ta'ee fi anaa achi Waandhi biraa akka hin jirre hin beettan; baniin kiyya ammaa achi salphinni isaan irra hin gawu» isaaniin jedhe. Rabbi akkana jedha, «Ani ammaa achi Hafuura kiyya nama maraa irratti dhangalaasa; ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa raaga dubbatan; jaarsonni teessan eebjuu eebjotan; ka'imman teessan mudhata argan. Akkasuma guyyoota sanniin keessa, tajaajiltoota tiyya ta dhiiraatii fi ta intalaa irratti Hafuura kiyya dhangalaasa. «Ani ardi'ii fi sami'itti waan maalale'ee godha; dhiigaa fi ibiddi, utubaan aaraallee hin mudhata. Guyyaan Goofta'aa guddaanii fi ka nama sodaachisu uduu hin dhufneen dura aduun hin dukkanoofti; jiini dhiiga fakkaata; Namni maqaa Rabbii waamu hin fayya; akkuma Rabbi dubbate gaara Tsiyooniitii fi Yerusaalemiin keessaa fayyinnatu argama; worra fayyan keessaa worri Rabbi filate achi keessatti argaman.» Rabbi akkana jedha, «Ani hennaa san boojuu Yerusaalemiitii fi ka Yihuuda'aa hin deebisa; Ani worra Yihuudota hin taane maraa wolitti qabee, gara dhooqa Iyyoosaafixii isaan buusa; banii Israa'elii ka worra kiyya ta'e isaan waan banii keessa faca'anii biyyattii qoodamaniif dhooqa Iyyoosaafixii keessatti murti'iif isaan fida. Isaan banii kiyya ka booji'ame qoodamu'uuf hixaa wolii buusa'aaran; dubartoota seebaran argachu'uuf jedhanii ijoollee isaanii ta dhiiraa kennan; daadhii woyini'ii dhugu'uuf jedhanii ijoollee isaanii ta intalaa garbumma'atti gurguratan. «Isin baniin kutaa Xiiroos, Siidona'aa fi Filisxeemiin keessa jirtan maal godha'aartan? ana haluu bayuu barbaaddanii? yoo kana ta'e hujiin keessan yoosuu akka gara keessan deebi'u godha. Isin meeti'ii fi worqii kiyya akkasuma qabeenna kiyya ka gatii mi'a'aa maraa fudhattanii gara mana waaqolee tolfamaa itti waaqeffattanii seensiftaniirtan. Dhalataa Yihuuda'aatii fi ka Yerusaalemii daangaa biyya isaanii keessaa fuutanii fageessitanii namoota Giriikiititti gurgurtaniirtan. Ani amma hulee isaan itti gurguramanii kakkaasee akka bayan isaan taasisa; yakka isin isaan irratti raawwattan maraa deebisee isinitti fida. Ani akka ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa banii Yihuuda'aatitti gurguraman taasisa; isaanillee worra Saaba'aa fi fagoo jiranitti gurguratan; ka waan kana dubbate ana Rabbi. Waan kana maraa banii Yihuuda'aatitti labsaa'a; lolaaf qophaayaa'a; worra jajjabaa kakkaasaa'a; loltoonni teessan maruu wol gayanii lolaaf haa hiriiranii. Maarashaan keessan guraadee'e; haamtuun keessan eboo akka ta'u tumaa'a; dadhabaan ‹Ani jaba'a› haa jedhuu; Isin baniin naannaya san jirtan maruu, ariiti'iin bayaa'a! dhooqa keessatti wol gayaa'a.» Rabbii keenna! loltoota kee worra loluu danda'an ergi. « Worri Yihuudii hin taane maruu ka'anii gara dhooqa Iyyoosaafixii haa deemanii; Ani Rabbi worra Yihuudii hin taane ka naannaya kee jiranitti murteessu'uuf achi taa'a. Hammeenni isaanii guddisee baay'ateera; akkuma midhaan haamanitti isaan haamaa'a; akkuma hurbuu woyini'ii hulee itti cuunfan guutanii dhiitaniititti isaan dhidhiitaa'a» jedha. Guyyaan Gooftaan dhooqa murti'iititti murtii murteessu gayeera; kanaafuu baniin guddisee baay'atee laakkobsaa ol ta'e achitti wol gaye. Guyyaa san aduunii fi jiini hin dukkanaayan; urjiiwwanillee ifa dhaban. Rabbi gaara Tsiyoonii ka Yerusaalemiin keessaa laagaa ufii ka nama sodaachisu dhageessisa; ardiinii fi samiin hin raafaman; Rabbi ammo banii ufii Israa'elii goda isaan itti dhokatan ta'aaf. «Israa'el! isin hennaa san akka ani Rabbii Waaqa keessan ta'e beettan; ani gaara Tsiyoonii woyyicha kiyya irra jiraadha; Yerusaalem qachaa woyyoomte taati; ammaa achi loltoonni ormaa isii hin marsan. Hennaa san gaarran maruu biqiltuu woyini'iitiin guuttaman; tulloota irrattillee horii aannan guddaa bayantu dheeda; laggiin biyya Yihuuda'aa keessatti argaman maruu bisaaniin guuttaman; mana woyyuu Rabbii keessaa burqee dhooqa Shiximii ol guuta. Namoonni biyya Misiriitii fi biyya Eedoomii waan banii Yihuuda'aa irratti miidhaa raawwatanii fi banii qulqulluullee waan ajjeesaniif biyyi Misirii gammoojjii taati; Eedoomillee lafa onaa ka namni keessa hin jiraanne taati. Bara Ooziyaan biyya Yihuuda'aa irratti, Iyyoorbi'aam ilmi Yoo'aasii Israa'eliin irratti mooyan dubbiin raagaa ka tissee Tequha'atti argaman keessaa Amootsi uduu lafti hin raafamne woggaa lamaan dura waan Israa'eliitiif dubbate kana. Amootsi akkana jedhe, «Rabbi gaara Tsiyoonii irra dhaabatee akka leenca aaduu laagaa ufii ka nama sodaachisu dhageessisa; dubbiin isaa Israa'eliin keessatti dhageessisa; margi tisseen horii itti bobbaafatanillee hin quura; margi lalisaan gaara Qarmeloosii irratti argamu hin goga» jedhe. Rabbi akkana jedha, «Ani waan baniin Damaasqoo keessa jiran deddeebi'a'aa cubbuu hojjataniif mamii malee isaan adaba; isaan banii Gala'aadii gaarii fardaa ka ilkaan sibiilaa qabuun xamadanii isaan rakkisan. Ani mana mootummaa Azaahelii irratti ibidda gad dhiisa; ibiddi sun kusheewwan mootichi Beenhaadaad hojjate guba. Balbala dallawa qachaa Damaasqo'oo maraa hin caccabsa; banii dhooqa Aawerii keessa jiraatanii fi bulchaa Beeti'eedanii hin balleessa; banii biyya Sooriya'aa booji'anii gara Qiirii fidan.» Rabbi akkana jedha, «Baniin Gaaza'aa waan deddeebi'anii cubbuu hojjataniif mamii malee isaan adaba; isaan banii biyya keessa jiran maraa haga booji'aniin maayessa namoota Eedoomiititti dabarsanii isaan kennaniiran. Kanaafuu ani dallaya dhaga'aa ka qachaa Gaaza'aa irratti ibidda gad dhiisa; ibiddi sun kushee isi'ii maraa hin guba. Banii biyya Aashdoodii keessa jiraatanii fi bulchaa Asqaloona'aa hin balleessa; worra qachaa Eeqroonii keessa jiraatanillee hin balleessa; worri Filisxeemii ka hafanillee hin du'an.» Rabbi akkana jedha, «Baniin Xiroosii waan deddeebi'a'aa cubbuu hojjataniif ani mamii malee isaan adaba; isaan waadaa obbolumma'aa ka galan diiganii banii booji'an dabarsanii worra Eedoomiitii kennaniiran. Kanaafuu ani dallaya dhaga'aa ka qachaa Xiroosii irratti ibidda gad dhiisa; ibiddi sun kushee isi'ii maraa hin guba.» Rabbi akkana jedha, «Baniin Eedoomii waan deddeebi'a'aa cubbuu hojjataniif ani mamii malee isaan adaba; isaan obboleewwan ufii worra Israa'elii guraade'een ari'aaniiran; haga qabaniin maayessallee garaa isaanii hin laafne; lolli isaan irra jiru hin qabbanoofne. Kanaafuu ani qachaa Teemaamii irratti ibidda gad dhiisa; ibiddi sun kusheewwan Bootsiraanii hin guba.» Rabbi akkana jedha, «Baniin Amoonii waan deddeebi'a'aa cubbuu hojjataniif ani mamii malee isaan adaba; marfama isaan bulchiinsa ufii babadhifatu'uuf godhaniin dubartoota biyya Gala'aadii keessa jiran garaa isaanii tarsaasaniiran. Kanaafuu ani dallaya dhaga'aa ka qachaa Raaba'aa irratti ibidda gad dhiisa; ibiddi sun kusheewwan isi'ii maraa hin guba; achiin maayessa guyyaa lolaa san iyyansaa fi raafamatu baay'ata; lolli sun akka qilleensa bubbisuu ariifata. Mootichi isaaniitii fi abboonni murti'ii booji'amanii deeman.» Rabbi akkana jedha, «Baniin Moo'aabii waan deddeebi'a'aa cubbuu hojjataniif ani mamii malee isaan adaba; isaan lafee mootii Eedoomii haga daaraa ta'utti gubaniiran. Kanaafuu ani biyya Moo'aabii irratti ibidda gad dhiisa; ibiddi sun kusheewwan Qiriyootimii hin guba; loltoonni dhaaduu'u, iyyansaa fi laagaa xurumba'aa dhageessisa'aa banii biyya Moo'aabii fixan. Ani bulchaa Moo'aabiitii fi worra jajjabaa biyya bulchan hin balleessa.» Rabbi akkana jedha, «Baniin Yihuuda'aa waan deddeebi'a'aa cubbuu hojjataniif ani mamii malee isaan adaba; isaan seera kiyya diiganiiran; ajaja kiyya hin eenne; waaqoleen tolfamaan sobaa ka abboonni isaanii faana deema'aa turan isaan dogoggorsan. Kanaafuu ani biyya Yihuuda'aa irratti ibidda gad dhiisa; ibiddi sun kusheewwan Yerusaalemiillee hin guba.» Rabbi akkana jedha, «Baniin Israa'elii waan deddeebi'a'aa cubbuu hojjataniif ani mamii malee isaan adaba; isaan namoota qulqulluu birrii argachu'uuf hiyyeeyyiillee kophee argachu'uuf jedhanii gurguratan. Isaan worra dadhabanii fi worra gargaarsa hin qabne daaraa keessatti kuffisanii mataa isaanii dhidhiitan; hiyyeeyyii darbanii kara'aa dhooggan; abba'aa fi ilmi dubartii takkatti seebaran; hujii isaanii kanaan maqaa kiyya woyyuu batteessan. Hiyyeeyyii liqaa isaanii kaffaluu hin dandeenne irraa uffata isaanii akka qabdi'ii godhanii fudhatanii hulee ciincaa itti dhiyeessan marattuu afatanii irra ciisan; daadhii woyini'ii maqaa liqaa ufiitiif adabbii godhanii fudhatan; mana woyyuu waaqa ufii keessatti dhugan. Ani ammo isiniif jedhee worra Amoorotaa ka dheerinni isaanii akka muka Libaanosii, jabeenni isaanii ka akka muka Qilxu'uu ta'an hiddaan bubuqqisee isinii balleesse. Ani biyya Misirii keessaa isin baasee woggaa afurtamaa guutuu lafa gammoojji'ii keessa isin masakkee biyya Amoortotaa ristii godhee isinii kenne. Ani ijoollee teessan ta dhiiraa keessaa garii raattota, ka'imman keessaa garii worra woyyoome godhee isinii kaase; banii Israa'elii! eeganaa wonti kun dhuga'aamii? ani Rabbi waan kana dubbadheera. Isin ammo worra Waaqaaf adda baye daadhii woyini'ii obaaftanii dogoggorsitan; raattota akka raaga hin dubbanne dhooggitan. Kanaafuu ani akkuma gaariin fardaa ka midhaan hagaa ol baatee deemu waan isa jala jiru daaku anillee akkasuma isin daaka. Ka fiiguu danda'u ariifachuu dadhaba; worri jajjabaan hin dadhaban; loltoonni uf hambisuu hin danda'an. Worri buundhee darban aggaamuu hin danda'an; worri guddisanii fiigan dheessanii hin bayan; worri fardaan gulufan uf hambisuu hin danda'an. Guyyaa san loltoonni guddisanii jabaatanuu meeshaa ufii ka lolaa gata'aa dheessan» jedha; Rabbi waan kana dubbateera. Banii Israa'elii! dubbii Rabbi isin banii guddaa biyya Misiriitii isin baasetti dubbate kana dhagayaa'a; «Banii adunyaa keessa jiraatan maraa keessaa worri ani filadhe isin calla'a; wonti ani cubbuu isin hojjattan maraaf isin adabuuf kanaaf. Namoonni lamaan woliin deemu'uuf yoo wolii haaganfatanii achi woliin deemuu danda'anii? Leenci bosona keessa dhadhoolee uduu hin arganne akkanumaan aadaa? leenci darmiin uduu waan tokkollee dhadhoolee hin qabne hulee jiraatutti laagaa ufii hin dhageessisaa? Simbirti uduu woshaadoon hin dhaabamne qabamuu dandeettii? siiboon uduu wonti tokko hin tundhe akkanumaan filliidamaa? Qachaa keessatti xurumbaan akka lolaaf qophaayan hennaa afuufamu baniin sodaatee hin hollanne hin jiraa? Uduu Rabbi hin eeyyamne wonti hamaan hin dhufaa? Rabbi Gooftaan uduu firrisee raattota isa tajaajilanii hin ibsine womaa hin godhu. Hennaa leenci aadu dhagayee ka hin sodaanne eennu? Rabbi Gooftaan yoo waan dhossa'aa ibseef ka raaga hin dubbanne eennu? Worra kusheewwan biyya Ashdoodiitii fi biyya Misirii jiran keessa jiraatan marattuu «Gaara Samaariya'aa irratti wol gayaa'a; miidhaa achi keessatti raawwatamuu fi raafama jiru laalaa'a» jedha'aa labsaa'a. Rabbi akkana jedha, «Baniin kun waan mishaa godhuu hin beekan; qabeenna didda'aa fi miidha'aan fudhataniin kushee ufii guuttatan. Kanaafuu diinni biyya isaanii marsee kushee isaanii diigee manniin isaanii saama.» Rabbi akkana jedha, «Worri Israa'elii ka Samaariyaa keessa jiraatan siree gudda'aa fi siree gabaabaa fudhatanii dheessan; kunillee tisseen a'oo afaan leencaatii luka lamaa fi gurra diqqoo hafte buusisiisuu danda'u fakkaata.» Rabbi Gooftaan Waandhi banii maraa akkana jedha, «Isin waan kana dhagayaa'a; fiixaa Yaaqoobiititti rageessaa'a. Guyyaa ani cubbuu isaan hojjataniif banii Israa'elii adabu hulee ciinca'aa ka Beeteeliin keessa jiran maraa hin diiga; gaafni hulee ciinca'aa caccabanii lafatti gad kufan. Manniin isaan ji'a gannaatii fi ji'a bonaa keessa jiraatan maraa hin diiga; manniin ilkaan arbaatiin ijaaraman maruu hin diiggaman; manniin gugurdaan maruu hin jiga.» Isin dubartoota Samaariya'aa akka sa'oolee worra Baasaanii uf furdiftan! dubbii kana dhagayaa'a! isin worra dadhaban salphiftan, hiyyeeyyii rakkiftan, abbootiin manaa teessan hennaa maraa akka dhuddoo nama macheessu isinii dhiyeessan gaafattan. Kanaafuu Rabbi Gooftaan woyyummaa ufiitiin, «Isin akka waan hookkoo sibiilaatitti hidhanii fuudhanii deemaniiniititti hennaan itti fuudhanii isiniin deeman hin dhufa; isin irraa jalqabee haga dhumaa worri turanuu akka qurxummii hookkoo sibiilaatiin qabanii fuudhanii deemanii isaaniin deeman. Isin maraa qaalawa naannaya keessanitti argamuun harkisanii isin baasanii Haarmoonitti isin gatan» jedhee kakateera. Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Baniin Israa'elii gara Beeteelii deema'aa cubbuu hojjadhaa'a! gara Gelgela'aallee dhaqa'aatii yakka caalu raawwadhaa'a! guyya guyya'aan ciincaa keessan dhiyeessaa'a! guyyaa sadihi sadihiin kennaa kudhan keessaa tokko kennaa'a. Wonti isin godhuu barbaaddan woma kana waan ta'eef kennaa xorosho'oo ka galataa dhiyeessaa'a; ciincaa fedha keessaniin dhiyeessitaniifillee labsii labsaa'a. Ani midhaanuma afaaniin qabdanuu isin dhabsiisee qachoota keessan marattuu beela gad dhiise; isin ammo gara kiyya hin deebine. Uduu badheessi qonnaa hin geenne ji'a sadihiin dura akka roobni dhaabatu godhe; qachaa tokko keessatti hennaa roobu qachaa biraa keessatti akka hin roobne dhoogge; maasaa tokko irratti hennaa roobu maasaan biraa rooba dhabee goge. Namoonni bisaan dhugan soqaa qachaa tokko irraa gara qachaa biraa deeman; garuu waan bisaan gayaa hin arganneef dhuganii dheebuu hin baane; isinillee gara kiyya hin deebine. Ani qilleensa jabaa midhaan keessan gossu isinitti erge; biqiltuu, biqiltuu woyini'ii, muka hurbu'uutii fi muka ejersaa keessan maraa awwaanisatu nyaate; isin ammo gara kiyya hin deebine. Ani balaa akka balaa biyya Misiriititti erge fakkaatu isinitti erge; ka'imman teessan akka guraade'een du'an; faradoo teessanillee akka booji'aman godhe; ajaan reeffa namoota ganda keessan keessatti du'anii akka isinitti ajaawu taasise; isin ammo gara kiyya hin deebine. Ani akkuma Soodomii fi Gomoraa balleesse akkasuma isin keessaallee namoota hedduu fixe; isin worri haftanillee akka mukukkula ibidda keessatti haga bobayeen maayessa keessaa butanii fuudhaniiti; kun maruu ta'ee isin ammo gara kiyya hin deebine. Kanaafuu banii Israa'elii! kunoo ani akkuma kana isin irratti godha; ani waan kana waan isin irratti godhuuf ani Waaqa keessan woliin hulee murti'iititti wol gawu'uuf qophaayaa'a!» Ka gaarran hojjate, ka qilleensa uume, ka waan yaade namaa ibsu, ka ifa guyya'aa dukkanatti jijjiiru, ka lafaa gaaraa irra deemu, maqaan isaa Rabbi Waaqa banii maraati. Banii Israa'elii! faaruu booyaa ka ani isin irratti gad dhiisu kana dhagayaa'a; Israa'eliin durbummaa qabdu waan kufteef, deebitee ka'uu hin dandeettu; isiin ka isii gargaaree lafaa isii kaasu dhabdee biyya ufii keessatti ta hojjatti gatamte taate. Rabbi Gooftaan akkana jedha, «Qachattii Israa'elii takka keessaa loltoota kumatu duula; worri lubbu'uun jiraatan ammo dhibba tokko; qachaa biraa keessaallee loltoota dhibbatu duula; achi keessaa kudhan calla'atu uf irra deebi'a.» Rabbi akkana jedha, «Banii Israa'elii! gara kiyya deebi'aa'a; lubbu'uun jiraattanii; Gara Beersaabeehii hin deeminaa'a; Beeteel diiggamtee waan badduuf banii Gelgelaa keessa jiraatan irrattillee akka baqatan waan isaanitti murteeffameef gara Beeteeliitii fi gara Gelgela'aa hin deeminaa'a.» San irra gara Rabbii deebi'aa'a; lubbu'uun jiraattanii; yoo kana hin taane Rabbi banii Israa'elii akka ibiddaatitti isaan fixa; worra Beeteeliin keessa jiraatan ibiddi isaan guba; ka ibidda isaan irraa dhaamsu hin jiru. Isin worri murtii dabsitanii fi dhugaa gara sobaatitti jijjiirtan isin hobbaasi! Isin ka dhaddacha murti'iititti isin gorsu jibbitan; ka dhugaa dubbatullee hin ceem'itan. Isin hiyyeeyyii gad qabdanii midhaan gabbarsiiftanii dhagaa bocameen manniin ijaarattaniirtan; ufii garuu keessa hin jiraattan; woyinii nama gammachiisu dhaabdaniirtan; garuu daadhii woyini'ii ka isa irraa argamu hin dhuddan. Ani yakki keessan hagam akka baay'atee fi cubbuun keessanillee hagam akka ulfaataa ta'e hin beeka; isin namoota mimmishaa rakkiftanii gabbarsiifata'aa dhaddacha murti'iititti murtii haqa hiyyeessaa dabistan. Kanaafuu barri hamaa waan ta'eef namni waa hubatu hin cadhisa. Akka lubbu'uun jiraattan waan mishaa godhaa malee waan hamaa hin godhinaa'a; yoo waan kana gootan akkuma isin jettan Rabbi Waandhi banii maraa isin woliin ta'a. Waan hamaa jibbaa'a; waan mishaa jaaladhaa'a; dhaddacha murti'iititti akka murtiin haqaa hin dabne godhaa'a; maal laataa Rabbi Waandhi banii maraa banii Israa'elii ka hafanii araaramuu danda'aa. Kanaafuu Rabbi Waandhi banii maraa akkana jedha, «Kara'aa fi hulee bayaa maratti laagaa booyichaatitu dhagayama; worri qonnaan bulan booyaaf waamamanii worra faaruu booyaa baasan woliin namoota du'anii booyan. Hulee dhaaba biqiltuu woyini'ii marattuu hin booyan; wonti kun maruu ta'uuf waan ani isin jidduu bayuuf.» ka waan kana dubbate Rabbi. Isin worri guyyaa dhufa Rabbii eeddan isin hobbaas! guyyaan sun guyyaa dukkanaati malee guyyaa ifaa waan hin taaneef maaf guyyaa san eeddan? Guyyaan sun akka nama uduu leenca jalaa dheessu doobba'aan wolitti dhufuu, yookaan dheessee mana ufiititti galee harkaan yoo dhaaba manaa qabatellee bofni idduu isinitti ta'a. Guyyaa murtii Rabbii dukkana malee ifti isinii hin bayu; guyyaan sun dukkana jaama'a; ka ifni woyituu keessaa hin mudhanne isinitti ta'a. Rabbi akkana jedha, «Ani ayyaannan wogga'aa keessan maraa hin jibba; hin tuffadhalle'e; wol geettiin waaqeffannaa keessaniillee na hin gammachiisu. Yoma isin ciincaa ciincawuu fi kennaa midhaanii naa dhiyeessitanillee isin irraa hin fudhadhu; ciincaa mirgoolee waan fayyumma'aatiif naa dhiyeessitan hin laalu. Iyya faaruu keessanii na irraa fageessaa'a; laagaa meeshaa faaru'uu keessan sirima ani hin dhagayu; Kana irra murtiin haqaa akka bisaan jiguu, balchummaan akka bisaan lagaa ka yaa'ee hin cinnee haa jiguu. «Banii Israa'elii! isin amma ciincaa woggaa afurtamaa lafa onaa keessa deemtaniif kennaa naa dhiyeessitaniirtanii? Isin waaqa tolfamaa saakut jedhamu ‹ka mooti'i› jettan akkasuma waaqa tolfamaa keessan ka urji'ii ‹keewwaan› jedhamu baadhattan. Ani akka Damaasqoo irraa ari'amtanii fagaattan isin godha» jedha; ka waan kana dubbate ana Rabbi Waaqa banii maraati. Baniin Israa'elii gargaarsa barbaadanii gara bulchoota ufii dhufan; isaan ammo Tsiyoonii irratti waan bashannana'aa taa'aniif gaara Samaariya'aa irrattillee waan sodaa malee jiraataniif bulchoota beekkaman kanniinii hobbaas! Isin mee gara qachaa Kaalne'ee deema'aatii laalaa'a; achillee lufa'aatii gara qachaa guddittii Haamaat jedhamtee waamamtuu fi gara qachaa Gaatii worra Filisxeemii dhaqaa'a; isin isaan caaltanii? bulchiinsi keessan bulchiinsa isaanii caalaa? Isin, «Guyyaan hamaan dafee hin dhufu» jettanii yaadu'uun bulchiinsa keessan keessatti hujiin miidha'aa akka dhiyaatu gootan. Isin siree ilkaan arbaatiin hojjatame irra raftan; tika hoolotaa keessaa foon korbeessa hoola'aa; gobbuu hori'ii keessaa foon waati'ii nyaata'aa siree gabaabaa irratti hara baafattan! Meeshaa sirbaa midhaaffata'aa meeshaa faaru'uu ka laagaa guddaa dhageessisuun sirba faayidaa hin qabne sirbitan; akka Daawitii faaruu qopheessa'aa meeshaa sirbaatiin faarfattan. Daadhii woyini'ii bilille'een uduu hin taane waaba'aan dhuddan; urgooftuu gatii gudda'aa dibattan; isin badii banii Israa'eliin irra gayeef sirima hin gadditan; kana maraa waan gootaniif isin hobbaas! Kanaafuu isin booji'amtanii deemtanii worra booji'aman keessaa worra jalqabaa taatan; hennaa san quufni keessan ka akka dhabe hin dhaabata. Rabbi Waandhi banii maraa, «Ani raaga banii Israa'elii jibbeera; mana mootummaa isaanii ka bareedellee ceem'eera; ani sababaa kanaaf qachatti'ii fi worra isii keessa jiraatan maraa diinatti dabarsee kenna» jedhee ufiin kakateera. Maatii tokko keessaa namoonni kudhanii yoo hafanuu isaanillee hin du'an. Namni firaa ka worra du'aniitii fi namni seera awwaalaa raawwatu reeffa manaa baasee fudhata; inni hennaa san nama mana san keessatti hafe tokko waamee «Si woliin namni biraa ka hafe jiraa?» jedhee gaafata; namichillee «Eennullee hin hafne!» jedhee deebisaaf; ka gaafatu sunillee «Maqaa Rabbii waamuun waan nu hin barbaachifneef cadhis!» jedhaan. Ajaja Rabbiitiin manniin gugurdaan hin diiggaman; manniin didiqqaanillee diiggamee tuulama. Namni farda yaabbatu lafa dhaga'aa irra gulufuu danda'aa? qonnaan bulaan sangaa xamadee galaana irratti qotuu danda'aa? isin ammo murtii gara hadha'aatitti jijjiirtaniirtan; dhugaallee akka muka hadhaayuu hadheessitan. Isin «qachaa Loodabaar jedhamtu waan mooyattaniif gammaddaniirtan; qachaa Qaarnaayim jedhamtu hunna keennaan qabanneerra» jettanii dhaadattan. Rabbi Waandhi banii maraa akkana jedha, «Banii Israa'elii! ani banii biraa ka hunna qabu isinitti kaasa; inni karra seensa Haamaatii ka gara kaabaatii jalqabee gara kibbaatiin haga dhooqa Arabaa ceeyee isin rakkisa.» Rabbi Gooftaan mudhata kana natti mudhise; midhaan mootichaa ka gaye haga haamameen maayessa midhaan gabo'oo ka deebi'ee biqile irratti Rabbi akka tuunni awwaannisaa bu'u godhe. Isaan akka awwaannifni marga lalise maraa dheedanii fixan hennaa arge, «Rabbii Gooftaa'a! yabo'oo yakka banii keetii dhiisi! baniin kee Israa'el waan hunna hin qabneef attamitti dhaabatanii jiraachuu danda'an?» jedhee kadhadhe. Rabbi garaa isaanii laafee «Wonti ati argite kun hin raawwatamu!» naan jedhe. Mudhanni biraa ka Rabbi Gooftaan natti mudhise kana; Rabbi Gooftaan murtii adabbii ibiddaa dabarse; ibiddi sun galaana nyaatee haga gosseen maayessa lafa gubuu jalqabe. Ani hennaa san, «Rabbi Waaqa kiyya! yabo'oo akka ibiddi dhaamu godhi! baniin kee Israa'el waan hunna hin qabneef attamitti dhaabachuu danda'an?» jedhee kadhadhe. Rabbillee garaa isaanii laafee «kunillee lammata hin raawwatamu» naan jedhe. Rabbi mudhata biraa natti mudhise; Rabbi dallawa dhaga'aa ka meeshaa ijaarsa manaa bikkanii ijaarame bira ka dhaabateeru arge; inni tumbii harkatti qabateera. Inni, «Amootsi! wonti ati arga'aartu maali'i?» jedhee na gaafate. Anillee «Tumbi'i» jedheen. Gooftaanillee «Baniin kiyya Israa'el akka dallawa Tumbi'iin qajeelee hin ijaaramnee worra daban ta'anii waan mudhataniif tumbiin kun fakkeenna dabnana Israa'elii mudhisu; ani uduu isaan hin adabne hin dhiisu. Huleen sagadaa gugurdaan ka ilmaan ijoollee isaa hin diiggama; huleen woyyuun Israa'eliillee diiggamanii ona ta'an; ani mootummaa Iyyoorbi'aamii sirima balleessa» naan jedhe. Ameesiyaasiin gadichi Beeteelii ergaa gara Iyyoorbi'aamii mootii Israa'elii «Amootsi banii Israa'elii keessa taa'ee sitti malata'aara; baniin dubbii isaa obsuu hin danda'an. Innillee, ‹Iyyoorbi'aam lola keessatti du'a; baniin Israa'eliillee biyya ufii keessaa booji'amanii deeman jedha› jedhee» erge. Ameesiyaas Amootsiin, «Ati abbaa mudhataa! gara Yihuuda'aa deemiitii achitti raaga dubbata'aa waan ittiin jiraattu argadhu. Beeteel ammo ka mootichi itti sagaduu fi mana woyyuu bani'ii waan taateef hulee kanatti deebitee raaga hin dubbatin» jedheen. Amootsillee, «Ani nama horii tissuu fi ka daraaraa oda'aa guuratu malee raagaa yookaan ilma raattichaatii miti. Garuu hulee ani hoolota itti tissuu na fuudhee ka ‹Deemii banii kiyya Israa'elitti raaga dubbadhu› jedhee na ajaje Rabbuma. Ati ammallee dubbii Rabbi jedhu dhagayi; ati Israa'elitti raaga hin dubbatin; banii Israa'elii ka fiixaa Yisaaqii ta'anittillee hin lallabin» jettee na dhooggiteerta. Kanaafuu Ameesiyaas! «Rabbi waan keetiif ‹Haati manaa tee qachaa keessatti seebarti; ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa lolaan du'an; ristii keellee worri ormaa haada itti buufatanii adda qoodaman; atillee worra Yihuudii hin taane keessatti duuta; baniin Israa'elii mamii malee biyya ufiitii fudhataman› jedha» jedhee deebiseef. Rabbi Gooftaan mudhata biraa natti mudhise; ka daraaraan bilchaate keeshe'etti guuteeru arge. Rabbi, «wonti ati argitu kun maali'i?» jedhee na gaafate, anillee «daraaraa bilchaate ka keeshee keessa guuteeru arge» jedheen; Rabbi akkana naan jedhe, «dhumti banii kiyya Israa'elii gayeera; ammaa achi ani isaan adabuu hin dhiisu. Laagaan sirbaa ka isaan mana mootumma'aa keessatti dhageessisan guyyaa san gara booyichaatitti jijjiirama; reeffi nama hedduu hulee maratti kufee argama; cadhisanii hulee maratti gatan.» Isin worri mirga worra rakkatanii dhiibdanii fi worri hiyyeeyyii biyya keessaa balleesuu barbaaddan maruu kana dhagayaa'a! Isin akkana jettan, «Nu'u akka midhaan keenna gurguratuu dandeennu maal ayyaanni jalqaba ji'aa uduu dafee lufee! akka qamadii gabayaa fidannu Sambanni yoom lufa? ayyaannan yoo lufan bikkituu midhaanii diqqeessinee gatii guddaa gaafanna; madaala sobaatiin banii soba. Habaqii qamadi'ii hin gurguranna; hiyyeessa meeti'iin, rakkataa kophe'een bitanna.» Rabbiin Yaaqoobii fi fiixaan isaa ka isaan dhaadatuu akkana jedhee ufiin kakate «Ani hujii isaan hojjatan maraa hin irraanfadhu; waan kanaan biyyiti hin raafamti; worri biyyattii keessa jiraatan maruu hin booyan; akkuma lanni Abbaayii guutee dhidhatee raafamu biyyi maruu hin raafamti» Rabbi Gooftaan akkana jedha, «Ani guyya'aan akka aduun seentu godha; «guyyaa wodhakka'tti lafa dukkaneessa. Gammachuu ayyaana woggaa keessanii gaddatti, sirba keessan gara booyichaatitti jijjiira; akkuma maatiin mucaan tokkochi qaban jalaa du'ee booyan akkasuma akka isin rifeensa mataa keessanii haadattanii uffata gaddaa uffattan godha; dhumti guyyaa sanii hadhaayaa ta'a. Hennaan ani biyyattii irratti beela fidu hin dhufa; hennaa san ka namoonni beelayanii fi dheebotan dubbii Rabbii dhagayuu malee midhaanii fi bisaan dhabu'uunii miti; ani Rabbi Gooftaan waan kana dubbadheera. Baniin maruu kaabaa haga kibbaa, baya biiftu'uutii haga dhiya adu'uu dubbii Rabbii argachu'uuf hulee maratti raantayan; garuu hin argatan. Hennaa san durbi babbareedanii fi dhiirti dargaggeeyyiin jajjabaanuu sababaa dheebotaniif hin dadhaban. Worri maqaa waaqa tolfamaa dubartii Samaariya'aa ta Ashmaa jedhamtee waamamtuun kakatan Waaqa Daanii yookaan Waaqa Beersaabeehii jedha'aa kakatan maruu hin kufan; isaan hulee kufanii sirima ka'uu hin danda'an» jedha. Ani Rabbiin ka hulee ciinca'aa dhaabateeru arge; inni akkana jedhee ajaje, «Haga huleen utubaa mana woyyu'uu raafamutti ginnoo mana woyyu'uu dhayii caccabsii akka sammuu namootaa irratti diiggamee kufu godhi; worra achi irraa hafan ammo ani guraade'een fixa; eennullee dheessee jalaa bayuu hin danda'u. Yoma isaan lafa qotanii worra du'anitti eda'amanillee achi keessaa butee isaan baasa; yoo gara sami'ii ol butamanillee ani achii deebisee isaan buusa; Yoo gaara Qarmeloosii irra bayanii dhokatanillee faana dhayee achii isaan baasa; yoo galaana xiillaa keessa seenanii na jalaa dhokatuu badadan akka isaan iddu jawwee galaana keessaa ajaja. Yoo diintota ufiitiin booji'amanii fudhataman akka achitti ajjeefaman isaan taasisa; akkaataa kanaan akki ani xiinxallee itti isaan hordofu kun isaan miidha malee isaan hin fayyadu.» Biyyi maruu akka laga Abbaayii ka biyya Misirii olii gad raafaman; Rabbi Gooftaan banii maraa hennaa lafa tuqe hin baxxi; worri isii keessa jiraatan maruu hin booyan. Ka hulee jireennaa ufii samii godhate, ka ardi'ii olitti samii jabeesse, ka bisaan galaanaa ajajee akka lafa irra jigu godhu, maqaan isaa Rabbi. Rabbi akkana jedha, «Banii Israa'elii! ana biratti worri Itoophiya'aa isinii gad hin ta'an; akkuma ani biyya Misiriitii isin baase akkasuma worra Filisxeemii Qarxeesiin keessaa, worra Sooriya'aa Qiiriin keessaa hin baafnee? baaseera. Ani Rabbi Gooftaan gara cubbamaa mootii Israa'elii hin laala; ani lafa irraa isii balleessa; ta'ullee fiixaa Yaaqoobii mara hin balleessu; ka waan kana dubbate ana Rabbi. Ani baniin Israa'elii akka banii keessa bittinnaayan ajaja; akkaataan isaan itti bittinnaayan akkaataa midhaan gingilcha'aan itti gingilfamuutitti; hennaa gingilchaan socho'u hansaraa malee midhaan takkattiinillee hin faca'an. Worri cubbamtootaa ‹hamaan woyiituu nu irra hin gayu yookaan nu hin argu› jedha'aa banii kiyya keessa jiraatan maruu lolaan dhuman.» Rabbi akkana jedha, «Hennaan mootummaan Daawitii ka akka mana diiggamee jiru deebisee itti dhaabu hin dhufa; dallawa hin ijaara; ka diiggame hin haarawoomsa; akka bara duriititti deebisee ijaara. Akkaataa kanaan isaan worra biyya Eedomii irraa hafanii fi banii biraa ka maqaa kiyyaan waamaman maraa hin dhaalan jedha» Rabbiin waan kana godhu. Rabbi akkana jedha, «worri midhaan haaman uduu haamanii hin findhe, worri lafa qotan hulee itti dhaabsifatanii fi worri woyinii cuunfan cuunfanii uduu hin findhe, yeroon woyinii dhaaban isaan irratti gaya; hennaa san gaarran daadhii woyini'ii mi'aayaa burqan; tulloota irra daadhii woyini'iititu yaa'a. Ani banii kiyya Israa'eliin deebisee gara biyya isaanii isaan fida; isaan qachoota ufii ka diiggaman deebisanii ijaaranii keessa jiraatan; woyinii dhaabanii daadhii woyini'ii dhugan; biqiltuu gara garaa dhaabanii daraaraa isaa nyaatan. Ani banii kiyya Israa'eliin biyya isaanii kenne irratti isaan dhaaba; lammata buqqa'anii achii hin bayan.» ka waan kana dubbata'aaru Rabbii Waaqa keessan. Mudhata Abdiyyuun arge; Rabbi Waandhi waan Eedoomiitiif Abdiyyuu erge; ergaan Rabbii ka nu'u dhageenne, «Ani Rabbi worra Eedoomii irratti akka balaa buusan ajajee gara bani'ii ergamaa ergeera!» jedha. Rabbi Eedoomiin akkana jedha, Ani banii Yihuudii hin taane keessatti dadhabaa si taasisa; guddiftee tuffatamta. Uf jajuun kee si sobeera; ati kushee qachaa dhagaa jaba'aan ijaaramte keessa jiraatta; ati mana gaarran gugurdaa irratti ijaarame keessa jiraatta; hulee jiru kanaa eentu na buusuu danda'a jedha'aa dhaadatta. Garuu yoo akka allaattii bajja jedhamuu ol bararte, hulee jireennaa kee urjiiwwan jidduu yoo godhatte, ani achi irraa si buusa; waan kana ana Rabbitu dubbate. Hattoonni yookaan saamtonni uduu halkaniin dhufanii haguma isaan gawu callaa fudhatan; worri daraaraa woyini'ii wolitti qabatan daraaraa lafatti hambisan; diintonni tee ammo sirima si balleessan. Isin fiixaa Eesawu'uu, mana keessan seenanii qabeenna isin qabdan maraa saamaniiran. Goshoonni tee ta waadaa si woliin galan maruu si gowwoomsaniiran; biyya kee keessaallee baasanii si ari'an; jaalalloonni tee akka diinaatitti sitti ka'an; worri buddeena kee nyaatan siiboo si jala diriirsan; hennaa isaan waan kana maraa sitti godhan ati ammo bira hin geenne. Ani hennaa san Eedoomiin keessa ogeeyyii'i, gaara Eesawu'uu irraa beekkumsa balleessa. Namoonni Eedoomiin keessa jiraatan maruu hin ajjeefaman; worri jajjabaan Teemaanii sodaatanii hollatan. Ati fiixaa obboleessa kee Yaaqoobiin miitee waan ajjeefteef, hin salphatta; baraa haga bara baraa badda. Guyyaa diintonni isaanii balballan isaanii caccabsanii qabeenna isaanii maraa itti saaman san, ati qaccee dhaabattee laala'aa turte; ati namoota Yerusaalemiin hixaa itti buufata'aa qoqqoodaman irra woyya'aa miti. Ati silaa rakkoo obboleewwan tee ta biyya Yihuuda'aa keessa jiraatan irra gayetti gammaduu si hin barbaachisu; guyyaa isaan badan burraaqu'uu fi guyyaa isaan hucuucaman isaan irratti uf jajuu si hin barbaachisu ture. Guyyaan rakkatan ati silaa balbala banii kiyyaa seenuu si hin barbaachisu ture; guyyaa rakkatan badii banii Yihuuda'aatitti gammadu'uuf namaan wolii galuu si hin barbaachisu ture; guyyaa isaan badan qabeenna isaanii saamuu si hin barbaachisu ture. Ati silaa worra dheessa'aaran ajjeesu'uuf karaa qaxxaammuraa irra dhaabattee riphxee eeguu si hin barbaachisu ture. Guyyaan ani Rabbi worra Yihuudii hin taane maratti murteessu gayeera; Eedoom! akkuma hujii keetiititti gatii kee hin argatta; hujiin hamaan ati hojjatu simatti gara gala. Baniin kiyya gaara woyyuu kiyya irratti mijuu rakkinnaa dhuganiiran; worri Yihuudii hin taane ka naannaya isaanii jiran maruu mijuu rakkinnaa hamaa kana dhugan; worri dhugan maruu hin jiraatan; Worri gaara Tsiyoonii irratti badii jalaa bayan hin jiran; gaarri Tsiyoonii ta woyyoomte taati; baniin Yaaqoobii qabeenna isaan jalaa fudhatamee ture deebisanii fudhatan. Ijoolleen Yaaqoobii akka ibiddaa, ijoolleen Yooseefii akka arraba ibiddaa, ijoolleen Eesawu'uu akka bura'aa ta'an; akkuma ibiddi buraa gubu ijoolleen Yaaqoobiitii fi ijoolleen Yooseefii ijoollee Eesawu'uu balleessan. ka waan kana dubbate ana Rabbi. Baniin Yihuuda'aa ka gara kibbaa jiran biyya Eedoomii dhaalan; baniin ladda gara gaara dhiya adu'uutiin gammoojjii keessa jiraatan biyya Filisxeemii qabatan; bulchiinsa Efreemiitii fi Samaariya'aallee hin fudhatan; namoonni Biiniyaamiillee biyya Gala'aadii dhaalan. Baniin Israa'elii ka gara kaabaa baqatanii turan biyya Hoolaa jedhamtuu deebi'anii biyya Kana'aanii ta haga Saraphta'aa jirtu dhaalan; worri Yerusaalemii ka baqatanii Safraadimiin keessa jiraatan qachoota gara kibbaa jiran qabatan. Namoonni hafan ka Yerusaalemii gaara Tsiyoonii irra taa'anii Eedoomiin bulchan; mootummaan sun ka Rabbii ta'a.» Dubbiin raagaa ka Rabbi Yoonaasii ilma Amitaayiititti mudhise kana; «Ka'iitii gara Nanawwee qachatti guddo'oo deemi; ani hammeenna banii isi'ii argeeraa laagaa kee ol qabadhuu dheekkamsaan isi'itti lallabi.» Yoonaas ammo Rabbiin afo'oo dheessuu yaadee gara Tarsesii deemu'uuf ka'e; gara Iyyoophe'ee gad bu'ee markaba gara Tarsesii deemtu argatee haga gatii deemsaaf isa barbaachisu kennee maayessa markabattii keessa seene; yaanni isaa Rabbiin afo'oo dheessu'uuf ture. Rabbi ammo galaana irratti dambalii jabaa kaase; dambaliin galaana irratti ka'e waan jabaa ta'eef markabattiin cabuu geette. Worri markaba yaabbatan waan guddisanii sodaataniif maruu gara Waaqa ufii iyyan; waan markabatti'itti ulfaate dhidhisuu yaadanii meeshaa isii keessa jiru baasa'aa galaanatti gatan; Yoonaas ammo kutaa markaba keessaa gara cinaa gad aanuutiin ciisee hirribni guddaa isa fudhatee ture. Ajajaan worra markaba oofuu gara isaa dhiyaatee «Attamitti rafta? yabo'oo ka'ii Waaqa kee waamadhu; maal laataa inni garaa nuu laafee lubbuu teenna hambisuu danda'a ta'aa» jedheen. Worri markaba keessa jiran maruu akkana woliin jedhan, «Akka nu waan hamaa kana irratti kufnu eennu akka sababaa waan kanaa ta'e beeku'uuf koottaa'a hixaa wolii buufnaa.» Hixaa wolii buusanii hixaan sun Yoonaasii baye. Kanaafuu isaan Yoonaasiin «Wonti hamaan kun maruu ka nu irra gaye sababaa eennuu sitti fakkaata? hujiin kee maali'i? eessaa dhufte? biyyi kee eessa? ati gosa kami? mee nutti himi!» jedhaniin. Yoonaasillee isaaniin «Ani nama gosa Ibrootaati; Rabbii Waaqa sami'ii ka ardi'ii fi galaana uume waaqeffadha» jedhee isaanii deebise. Akkaataa inni dura isaanitti himeen Yoonaas akka Rabbiin jalaa dheesse beekan; kanaafuu isaan guddisanii sodaatanii «Ati maaf waan kana goote?» jedhaniin. Dambaliin galaanaa waan isaanitti jabaata'aa deemeef worri markaba yaabbatan Yoonaasiin «Akka dambaliin kun cadhisu attam si godhuu woyya?» jedhanii gaafatan. Yoonaasillee isaaniin «Wonti dambaliin kun isinitti ka'eef akka sababaa yakka kiyyaaf ta'e ani hin beeka; kanaafuu fuudha'aa galaanatti na gataa'a; yoo san dambaliin isin irraa cadhisaa» jedhe. Worri markaba yaabbatan garuu hunna qaban maraan markabatti oofa'aa gara qaccee galaanaa geessu'uuf badadan; dambaliin ammo waan guddisee jabaa ta'eef kana godhani'iifillee gara qacce'ee geessuu hin dandeenne. Kanaafuu worri markaba yaabbatan, «Rabbi Gooftaa keenna! yoo nu'u akka lubbuun nama kanaa badu goone nu hin balleessin; ati waan ufii feete waan gooteef akka waan nu'u dhiiga nama qulqullu'uu jissinee gootee nutti hin laakkayin!» jedhanii Rabbitti iyyatan. Kanaan maayessa Yoonaasiin fuudhanii galaanatti gannaan dambaliin galaanaa cadhise. Sababaa kanaaf worri markaba yaabbatan waan Rabbiin guddisanii sodaataniif ciincaa dhiyeessanii woreegallee qabaniif. Rabbi qurxummii guddaa akka Yoonaasiin liqimsu ajaje; kanaafuu Yoonaas garaa qurxummi'ii keessa halkan sadihii fi guyyaa sadihii ture. Yoonaas garaa qurxummi'ii keessa taa'ee akkana jedhee Rabbii Waaqa ufii kadhate, «Yaa Rabbi! ani rakkoo hamtuu keessa ta'ee si waamadhe; atillee naa deebifte; gargaarsa kee argachu'uuf qilee awwaalaa keessaa gara kee iyye; atillee naa dhageette. Ati galaana xiillaa keessatti na gatte; naannaya kiyya bisaantu marse dambaliin kee jabaan na irra yaa'e. Ani nama si jalaa bade; garuu ani deebi'ee mana kee woyyuu arga. Bisaan haga mormaa na dhufe; galaanni sirima na liqimse, baalli margaa ka galaana keessatti baye mata'atti na marame. Ani gaarran jalatti bade; lafa achi jalaa keessatti silaa baraa haga bara baraa natti cufamee ture; ati garuu Rabbi Waaqa kiyya! qilee bisaanii keessaa na baaftee lubbuu tiyya hambifte. Hennaa lubbuun tiyya dadhabde Rabbiin qaabadhee, si'i Waaqa kiyya kadhadhe; kadhaan kiyya mana woyyuu keetitti si bira gaye. Worri waaqolee tolfamaa sobaa faanaa deeman maruu amanamummaa sii qaban dhiisaniiran. Fayyinni Rabbiin bira jira; kanaafuu faaruu galataa woliin ciincaa sii dhiyeessa; waan woreega sii qabe sii kenna» jedhee kadhate. Kanaan maayessa ajaja Rabbiitiin qurxummiin Yoonaasiin lafa gogaa irratti tufe. Rabbi hennaa lammeesso'oo Yoonaasiin, «Amma ka'ii gara qachattii guddoo Nanawwe'ee deemi; dubbii ani sitti himu bani'itti labsi» jedheen. Yoonaas Rabbii ajajamee ka'ee gara Nanawwe'ee deeme; sababaa Nanawween qachaa guddoo taateef qachattii woliin gawu'uuf guyyaa sadihi fixe. Yoonaas qachattii keessa seenee deemsa jalqabe; guyyaa tokko haga deemeen maayessa «Nanawween guyyaa afurtamaa keessatti hin baddi!» jedhee labse. Baniin Nanawwe'ee dubbii Rabbii amananii sooma labsan; akka gaabbaniiran mudhisu'uuf diqqaa irraa jalqabee haga gudda'aa maruu uffata gaddaa uffatan. Mootiin Nanawwe'ee haga waan kana dhagaye teessoo ufii ka ulfinnaa irraa bu'ee uffata mootummaa ufii mulqatee uffata gaddaa uffatee daaraa irra taa'e. Inni banii Nanawwe'eetitti «Akkaataa mootichinii fi worri jajjabaan ajaja dabarsanitti eennullee yookaan busaawaan, tinni hori'iitii fi tinni hoola'aa akka womaa hin nyaanne, bisaanillee akka hin dhunne. Namni uffata gaddaa haa uffatuu; horiinillee haa gadduu namni maruu garamaan gara Rabbii haa iyyuu; amala ufii bada'aa fi hujii miidha'aa haa dhiisuu. Nu'u akka badii jalaa baanu maal laataa Rabbi garaa nuu laafee lola ufii ka nama sodaachisu irraa uduu ka deebi'uutii maaltu beeka?» jedheen. Rabbi waan namoonni Nanawwe'ee hojjatanii fi akka isaan hujii hamaa ufii irraa deebi'an arge; kanaafuu garaa isaanii laafee adabbii isaanitti fidu'uuf ta'u isaan irratti hin raawwanne. Yoonaas waan kanatti waan hin gammanneef aaree biibbaye; akkana jedhee Rabbiin kadhate, «Yaa Rabbi! ani akka ati waan kana gootu uduu biyya kiyya jiru sitti dubbadhee hin turree? sababaa ani si jalaa dheessee gara Tarsesii deemu'uuf karoorfadheef kanaaf akka ati arjaa'a, ka namaa dhiiftu, ka obsitu, ka araarri kee gudda'aa, ka jaalala bara haga bara baraa qabdu, Waaqa lola dhiiftee namaa araaramtu taate hin beeka ture. Ammallee Gooftaa kiyya! yabo'oo na ajjeesi; jiraachu'uu mannaa du'uu naa woyya» Rabbillee Yoonaasiin «Hagana mara dheekkamuu si barbaachisaa?» jedheen. Yoonaas qachattii keessaa bayee qachatti'iin gara baya biiftu'uutitti daasee ijaaratee gaaddisa isi'ii jala taa'e; achi taa'ee waan Nanawwee irra gawu eega'aa ture. Rabbi Waandhi akka Yoonaas aduu jalaa gaaddiseeffatu biqiltuu buqqe'ee tokko baaseefii akka baalli isi'ii mataa isaatii ol ta'u godhe; Yoonaas waan gaaddisa baala buqqe'ee argateef guddisee gammade. Garuu Rabbi ganama barii raammoo tokko qopheesse; raammoon sun buqqee san nyaatte; buqqeenillee hin godde. Haga aduun bayeen maayessa Rabbi baya biiftu'uutii qilleensa gubu erge; oo'i adu'uu waan mataa isaa gubeef Yoonaas laafee du'a hawwee «Jiraachu'uu mannaa du'uu naa woyya» jedhe. Rabbillee Yoonaasiin «Ati waan buqqee tanaatiif biibbawuu si barbaachisaa?» jedheen. Yoonaasillee Rabbiin «Dhugamaan biibbawuu na barbaachisa; sirimaa haga du'utti aaruu na barbaachisa!» jedhe. Rabbi, «Ati biqiltuu guyyaa tokkotti biqiltee guyyaa tokkotti godde, ta ati ufii hin dhaabnee fi hin guddifnee hagana mara gadditeerta! Nanawween qachaa baniin kuma dhibba tokkoo fi diddamaa olii ka misha'aa fi hamaa adda baasuu hin dandeennetu keessa jiraata; isii keessa busaawaa heddutu jira; eeganaa ani qachattii guddoo tanaa silaa garaa laafuu na hin barbaachisuu?» jedheen. Bara Iyyoo'aataam, Akaazii fi Hisqiyaas wol faana biyya Yihuuda'aa irratti mooyan dubbiin Rabbi Mikiyaasii nama gosa Mooriititti mudhataan waan Samaariya'aatii fi waan Yerusaalemii mudhise kana. Isin baniin maruu waan kana dhagayaa'a! worri biyyattii keessa jiraattan maruu waan kana caqasaa'a! Rabbi Gooftaan hulee woyyuu ufii irra taa'ee isin ajiifata. Rabbi hulee ufiitii ka'ee dhufa; bu'eellee gaarran irra deema. Hennaa san akkuma gagaan dammaa ibiddaan baquu fi bisaan gooddaa gad yaa'u akkasuma gaarran isa jalatti baqan; lafti dhooqaa maruu hin babbaqaqa. Kun maruu wonti ta'eef sababaa worri Israa'elii yakka hojjataniif; akka baniin Israa'elii dhiban wonti sababaa ta'e maali'i? qachaa guddittii Samaariya'aatii mitii? baniin Yihuuda'aa waaqa tolfamaa waaqeffata'aa akka cubbuu hojjatan ka godhe eennu? Yerusaalemii mitii? Kanaafuu Rabbi akkana jedha, «Ani Samaariyaa akka tuulaa mana diiggamee ka raasa'atti mudhatuu isii godha; isiin hulee biqiltuu woyini'ii itti dhaaban taati; dhagaa diiggame ka qachatti'ii gara dhooqaa gad jissa; hunndeewwan isi'ii ifatti baasa. Fakiiwwan isi'ii maruu hin caccaban; gatiin worra hulee woyyu'uutitti seebaranii kennamu maruu ibiddaan gubata; waaqolee tolfamaa isi'ii maraa hin balleessa; Samaariyaan wonti fakiiwwan kanniin wolitti qabdeef gatii seebaraaf kennamu godhatu'uuf; ammallee diintonni isi'ii seebaraaf itti fayyadaman.» Achiin maayessa Mikiyaas akkana jedhe, «Ani sababaa kanaaf Bade! bade! jedha'aa booya; gadda kiyya mudhisu'uuf nafa qulla'aa fi luka duwwaa deema; akka jeedalaa iyya; akka guchi'iititti laagaa booyichaa dhageessisa. Madaan Samaariya'aa ka fayyuu danda'uu miti; rakkinni kun Yihuudaa irrallee gayeera; hulee baniin kiyya itti wol gayan bayima itti bayan ka Yerusaalemiillee gayeera» Rakkoo nu irra gaye diintota teenna ta Geetiin keessa jiranitti hin himinaa'a; achitti sirima hin booyinaa'a; worra keenna ka Oofraa jiran keessatti ammo daaraa irratti gangalata'aa booyaa'a. Isin banii biyya Shaafirii! qullaa booji'ama'aatii saalfata'aa lufaa'a; worri biyya Tsaa'inaanii keessa jiraatan ugganii qachattii keessaa hin bayan; Beeti'eeltseel hulee booyaa waan taateef irkoo isinii taatee hin dandeettu. Baniin biyya Maarootii waan misha'atu nuu dhufa jedhanii abdatan; Rabbi ammo Yerusaalemiin irratti badii buuseera; worra biyya Laakishii keessa jiraatan! yakki Israa'elii waan isin irra jiruuf worra jalqaba Yerusaalemiin keessatti cubbuu hojjate waan taataniif faradoo keessan ta gaarii fardaa lugaamadhaa'a. Banii Yihuuda'aa, eeganaa isin Moresheet gaatii kennaa geegessa'aa kennitan; baniin biyya Akizibiimii mootota Israa'elii gowwoomsan. Banii biyya Mariisa'aa! ani diintota isin woraanan isinitti fida; bulchoonni Israa'elii worri kabajjaman goda Adulaamiititti dhokatan. Isin banii biyya Yihuuda'aa! ijoollee teessan waan booji'anii fudhataniif sababaa kanaaf ijoollee teessan ta jaalattan tanaaf gadda'aa mataa haadadhaa'a; mataan keessan akka rumichaatitti moluu haa ta'uu. Worra hujii hamaa hojjachu'uuf karoorfatanii fi worra siree ufii irra ciisanii dhara yaadanii hobbaas! isaan waan san godhu'uuf waan baallii qabaniif yoo lafti bariite waan karoorfatan san hin raawwatan. Isaan lafa qonnaa yoo barbaadan ka nama biraa hunnaan fudhatan; manallee yoo barbaadan hunnaan fudhatan; mirga namaa dhiiba'aa qabeenna namaa saaman. Kanaafuu Rabbi akkana jedha, «Ani badii isinitti fida; isa jalaa sirima bayuu hin dandeettan; hennaan rakkinnaa sun waan dhufuuf uf jaja'aa jiraachuu hin dandeettan. Guyyaa san namoonni isinitti baldan akkana jedha'aa faaruu minsho'oo mararama'aa isinii faarsan; «Nu'u sirima banneerra! Rabbi qabeenna banii keennaa fudhate; ristii keenna worra nu booji'anii qoqqoode.» Lafti deebitee hennaa banii Rabbiitii kennamtu isin gayee woyiituu hin argattan. Raattonni isaanii, «Raaga hin dubbatin; salphinni akkanaa kun waan nu irra hin geenneef waan kanniiniif raaga hin dubbatin» naan jedhan. Isaan uduu dubbii ufii wol irraa hin kunne! «Ijoollee Yaaqoobii kun jedhamuu barbaachisaa? obsi Rabbii dhumateeraa? kunniin waan inni hojjatee?» jedhanii gaafatan; worra jireenni isaanii qajeelee dubbiin kiyya waan mishaa isaanii hin godhuu? Rabbi akkana jedhee isaanii deebise; «Isin banii kiyyatti akka diinaatitti kaataniirtan; namoota nagayaa ka lolaa dacha'anii abdi'iin isin keessa lufan salphiftaniirtan; Dubartoota banii kiyya keessa jiran mana misha'aa fi qabeenna isaanii irraa buqqiftanii ariitaniirtan; ijoollee isaaniillee hennaa maraa eebbaa fi ulfinna kiyya irraa akka fagaatan gootaniirtan. Sababaa battumma'aatiif badiin guddaan waan dhufuuf kanaan hara baafachuun hin danda'amu; kanaafuu ka'a'aa deemaa'a. Namni tokko dubbii sobaatiin waan woyini'iitii fi waan dhuddoo jaba'aa isin barsiisa uduu jedhee isatu raatticha banii kanaa ta'a. «Banii Israa'elii! akkuma hoolonni gooruu keessatti, tinni hoolotaa hulee dheedanitti wolitti qabaman ani akkasuma dhugamaan worra banii Israa'elii ka hafan hulee tokkotti wolitti qaba; biyyattii keessa bani'itu guute» jedha Rabbi. Isaan bulchaa karaa badhisee isaanii baneen karra badhaa saniin wol faanaa yaa'an; Rabbi mootiin isaanii isaan afoo deema'aa isaan masakka. Ani achiin maayessa akkana isaaniin jedhe, «Isin bulchoota ijoollee banii Israa'eliitii fi masakkoota banii Israa'elii! dhagayaa'a! murtii qajeelaa beekuun isin hin barbaachisuu? Isin ammo waan mishaa jibbitanii waan hamaa jaalattan; banii kiyya dhaabatatti gogaa isaanii irraa quunciftan; foon isaanii lafee isaaniitiin gar gar baaftan. Gogaa banii kiyyaa quunciftanii lafee isaanii caccabsitanii akka foon ibiddatti woddaniitii fi otte'etti affeelanii isaan gootan; foon isaanii nyaattan. Hennaan isin rakkattanii gara Rabbii iyyitan hin dhufa; garuu inni isinii hin deebisu; waan hamaa waan hojjattaniif kadhaan keessan isinii hin dhagayamu.» Rabbi waan raattota sobaa waan bu'aa itti argatan yoo ta'e nageenni isinii bu'a jedha'aa lallaban; hennaa bu'aa hin arganne ammo lolatu isinitti gala jedha'aa labsa'aa banii dogoggorsan. Kanaafuu halkan isaan mudhata itti hin argine hin dhufa; dukkana isaanii hin ifne isaanitti ta'eera; ammaa achi mudhata hin argan; raagallee hin dubbatan. Worri mudhata hin argina, raaga hin dubbanna jedhan maruu waan isaanii hin milkoofneef hin salphatan; Rabbi waan deebii isaanii hin kennineef saalfatanii harkaan fuula dhoffatanii deeman» jedha. Ana ammo Rabbi Hafuuraa fi hunna ufiitiin na guuteera; Inni akka ani banii Israa'elii yakkaa fi cubbuu isaanii maal akka ta'e akka isaan beessisu ifatti murtii qajeelaa akka murteessu jabeenna naa kenneera. Isin bulchoonni banii Israa'eliitii fi masakkoonni ijoollee Yaaqoobii haqa jibba'aa waan qajeelaa maraa dabsitan waan kana dhagayaa'a. Isin dhiiga namaa jissa'aa Tsiyooniin, yakka hojjata'aa Yerusaalemiin ijaartan. Worri jajjabaan qachattii keessa jiran horii fudhata'aa murteessan; gadoonni gatii malee hin barsiisan; raattonnillee qarshii malee raaga hin dubbatan; isaan waan kana maraa godha'aa «Rabbi waan nu woliin jiruuf wonti hamaan woyiituu nutti hin dhufu jedha'aa» Rabbiin dhaadatan. Kanaafuu sababaa keessaniif Tsiyoon akka maasa'aatitti qotamti; Yerusaalem diiggamtee tuulamti; huleen manni woyyu'uu itti ijaarame bosona jaamaa ta'a. Hennaa barri dhumaa gaye; gaarri manni woyyuun Rabbii irratti ijaarame; gaarran kaawwan maraa caalee mudhata; Tulloota maraa caala; baniin mootota hedduu gara isaa hurrisan. Kanaafuu baniin hedduu seerri Tsiyoonitti, dubbiin Rabbii waan Yerusaalemitti argamuuf koottaa'a gaara Rabbii irra ol baanaa; gara mana woyyuu Waaqa Yaaqoobii deemnaa; inni akka fedha isaa goonu nu barsiisa; nu'u karaa isaa irra deemna» jedhan. Inni banii heddu keessatti murteessa; wolii galtee dhabuu mootota gugurdoo fago'oo fi dhiyoo jiran keessa jiru hin balleessa; waan kana ta'eef isaan guraadee ufii gara maarasha'aa eboo ufii gara haamtu'uu jijjiiran; mootummaan mootummaa irratti lola hin kaasu; achiin maayessa namni barumsa lolaa baratu hin jiru. Namni maruu gaaddisa biqiltuu woyini'iitii fi muka hurbu'uu ka ufii dhaabe jalatti hara baafata; wonti isa sodaachisullee hin jiru; Rabbi Gooftaan banii maraa waan kana dubbateera. Worri Yihuudii hin taane maruu waaqolee tolfamaa ufii waaqeffatan; nu'u ammo Rabbii Waaqa keenna baraa haga bara baraa waaqeffanna. Rabbi akkana jedha, «Guyyaa san worra hokkolanii fi banii kiyya ka ani adabnaan rakkoon isaan irra gaye wolitti isaan qaba. Worra hokkolan akka jiraatan taasisa; worra gatamanii turan banii jabaa isaan taasisa; ani gaara Tsiyoonii irratti hennaa san irraa jalqabee baraa haga bara baraa mooya.» Ati gaara Tsiyoonii ta dallawa dhaga'aa ka waa itti eegan! abdiin sii kenname hin raawwatama; guddummaan kee ka duraa qachaa guddoo Yerusaalemii sii deebi'a. Ati wonti hagana maraa laagaa kee ol qabattee iyyituuf, akka dubartii ciniinsuun qabeetittillee hucuucamtuuf maali'i? waan mootii hin qabneefii? yookaan mo'o worri gorsa sii kennan maruu waan badaniif? Banii Yerusaalemii! akka dubartii ciniinsuun qabeetitti woyata'aa gangaladhaa'a; isin qachaa keessaa ari'amtanii raasa'atti quphattanii gara Baabilooniillee hin deemtan; ammo Rabbi achitti isin oolcha; diintota teessan jalaallee isin baasa. Amma ammo baniin hedduu wol gayanii akkana jedhan, «Yerusaalem haa battooftu! nullee diiggamuu isi'ii arginaa!» Baniin kunniin ammo karoora Rabbii hin beenne; akkuma midhaan dhayamu oobdi'itti wolitti qabamu, akkasuma isaan wonti Rabbi wolitti isaan qabeef adabbi'iif akka ta'e hin hubanne. Rabbi akkana jedha, «Isin banii Yerusaalemii! deema'aatii diintota teessan akka midhaaniititti ayyiidaa'a! ani isin akka sangaa gaafni isaa sibiilaatii fi ka qeensi isaa sibiila diima'aatitti akka jabaattan isin taasisa; mootota hedduu hin balleessitan; qabeenna isaan dharaan wolitti qabatan maraa adunyaa guutuu ana Rabbii Goofta'aa fiddanii dhiyeessitan.» «Ati qachaa loltoota qabdu loltoota kee hiriirsi! jabeessanii nu marsaniiran; bulchaa Israa'elii ule'een boqoo keessa dhayan.» Rabbi akkana jedha, «Ati Beeteliheemiin biyya Eefraata'aa keessatti argamtu! yoma qachoota Yihuuda'aa didiqqoo keessa taatellee akkuma armaan dura bulchaan si keessaa jalqabe baraa haga bara baraa ka banii kiyya Israa'eliin bulchu achi keessaa naa baya» jedha. Kanaafuu haga haati isa deettutti Rabbi banii hin dhiisa; achiin maayessa worri isaa ka ari'aman deebi'anii worra ufiititti eda'aman. Inni hunna Rabbiitiin ka'ee tika hoolotaa bobbaasa; inni wonti kana godhuun gaachena maqaa Rabbii Waaqaatiin, inni amma haga daangaa lafaa waan jabaa ta'uuf isaan sodaa malee hollatan. Inni nagaya isaanii ta'a; worri biyya Asoorii biyya keenna marsu'uuf yoo dhufanii fi yoo kusheewwan keenna irra bayan worra eegu torbaa fi bulchoota saddeetii isaan irratti kaafna. Qachaa biyya bulchiinsa Naamruudiin jala turte hunna loltoota ufiitiin mootii biyya Asoorii mooyatanii qabatan; worri Asoorii uduu biyya keenna marsanii fi uduu daangaa keenna irra ejjatanii inni isaan jalaa nu oolcha. Baniin Israa'elii ka du'a irraa hafan banii heddu keessatti akka fixeensaatii fi akka shinina Rabbii akka lafa irratti shininu godhuu ta'an; isaan nama heddatanii eeggatuu dhiisanii Rabbiin callaa hedatan. Leenci bineensa bosonaa hedduu irratti, leenci darmiinillee tika hoolotaa irra utaalanii bu'anii ciccira'aa hennaa deeman bineensi biraa ka isaan gargaaru hin jiru; ijoollee Yaaqoobii ka du'a irraa hafan banii hedduu keessatti akkasuma godhan. Worri Israa'elii maruu diintota ufii irratti ka'an; diintonni isaanii maruu hin badan. Rabbi akkana jedha, «Ani dursee faradoo keessan isin keessaa balleessa; gaarii fardaa keessanillee hin diiga. Qachoota biyya keessan keessatti argaman hin balleessa; kusheewwan keessan maraa hin diiga. Mita keessan hin balleessa; worri moran ammaa achi isin keessatti hin argaman. Ani waaqolee tolfamaa keessan ka bocamanii fi utubaawwan keessan ka isin itti sagaddan hin balleessa; isin ammaa achi waaqolee tolfamaa harka keessaniin hojjattanii hin sagaddan. Fakii waaqa tolfamtuu Asheeraa jedhamtuu biyya keessan keessaa bubuqqisa; qachoota teessan hin diiga. Mootota anaa ajajamuu didan maraa lola kiyya gudda'aan haluu isaan baya.» Waan Rabbi banii Israa'eliititti dubbatu dhagayaa'a; Ka'aa'a! komii qabdan gaarran afo'otti dhiyeessaa'a! tulloonnillee waan isin jettan haa dhagayanii. Isin gaarran! waan Rabbi banii ajiifatu dhagayaa'a! isin hundeewwan jajjabaan lafaa! dhagayaa'a! Rabbi banii ufii Israa'eliin hin ajiifata; isaan xixalle'e. Rabbi akkana jedha, «Banii kiyya! maal si godhe? wonti ani sitti jabeesse maali'i? mee naa deebisi. Biyya Misiriitii si baase; biyya garbumma'aa keessaa si oolche; Muusee, Aaroonii fi Maariyaamiin akka afoo kee deema'aa si masakkan sii kenne. Banii kiyya! mootii Moo'aabii Baalaaq maal akka sitti karoorfatee fi Bala'aam ilmi Bi'oorii maal akka isaa deebise yaadadhu; ati Shiximii kaatee hennaa gara Gelgela'aa deemtu waan karaa irratti ta'e qaabadhu; uduu waan kana maraa qaabattee waan ani si oolchu'uuf godhe kana maraa hin beetta.» Ani hennaa Rabbii Waaqa jaba'aa sagadu'uuf dhufu maal qabadhee dhufa? akka isaa ciincaa ciincawu ta'an waatilee woggaa tokkoo qabadhee dhufuu ree? Inni uduu ani korbeeyyii hoola'aa kumaatamatti laakkayaman yookaan dhadhaa ejersaa ka laga kuma kudhanii gawu qabadhee dhufee yoo dhiyeesse gammadinnaa laata? waan yakkaa fi cubbuu kiyyaatiif ilma kiyya ka hangafaa ciincaa dhiyeessuufii laata? Rabbi waan misha'aa fi waan si irraa barbaadu sitti himeera; kunillee akka haqaan bulchitu, akka waan mishaa jaalattu, Waaqa kee woliin akka kasumma'aan jiraattuuf. Rabbiin sodaachuun ogumma'a; inni qachatti'iin akkana jedha, «Isin namoonni qachattii keessatti wol geettan dhagayaa'a! Ani qabeenna cubbamaan karaa hammeennaatiin wolitti qabatee fi bikkituu sobaa ka abaarame irraanfachuu danda'aa? Ani eeganaa namoota madaala sobaatii fi bikkituu sobaatitti fayyadamanii obsaa? Worri dureeyyiin keessan dharaan guuttamaniiran; worri qachattii keessa jiraatan soba dubbatan; arraba ufiitiinillee hin fakkeessan. Kanaafuu ani sababaa cubbuu keessaniitiif isin balleessu'uu fi isin diigu'uuf ka'eera. Hin nyaattan garuu hin quuftan; beelli isin irraa hin bawu; isin jalaa ofoolla malee wolitti isinii hin qabamu; qabeenni isin kuufattanillee yoo jiraate woraanaan balleessa. Midhaan hin facaaftan ammo hin galfattan; daraaraa ejersaa hin cuunfitan garuu sayitii isaatitti hin fayyadamtan; daraaraa woyini'ii hin cuunfitan daadhii woyini'ii ammo hin dhuddan. Sababaan wonti kun maruu isin irra gawuuf waan isin seera mooticha Omriinii duukaa deemtanii fi waan jireenna mooticha Aki'aabii maraa faanaa deemtaniif; isin waan aadaa isaaniitiin masakkamtaniif isin balleessa; worra qachattii keessa jiraatan akka namni maruu isaanitti kolfu taasisa; mudaa banii kiyya irratti ta'e akka baadhattan isin taasisa.» Daraaraan hennaa haama'aa wolitti qabamee daraaraan woyini'ii ka harca'e haga guurameen maayessa ani akka nama hurbuu woyini'ii ka nyaatu'uuf barbaadu hin argannee waan ta'eef na hobbaasi! daraaraan muka hurbu'uu ka ani hawwe ka dura gaye hin jiru. Lafa irra namni amanamaan hin jiru; namni qajeelaan tokkollee hin jiru; namni maruu nama ajjeesu'uuf riphan; isaan maruu ufii wolitti gara galanii kuun ka biraa faanaa deemee siibo'otti wol galcha. Harki isaanii waan hamaa hujuu barateera; ka baallii qabuu fi abbaan murti'ii gabbarsuu gaafata; fedha ufii guddaa hunnaan raawwachiifata; akkaataa kanaan maruu murtii dabsan. Isaan keessaa namni guddisee woyyaa qaba jedhamu akka qoree anshookalla'aati; namni guddisee qajeela'a jedhamu akka qoree, qummuuddu'uuti; akkuma Rabbi banii ufii raattotaan seere hennaan banii ufii adabu hin dhufa; ammumaa isaan raafama'aaran. Goshoo kee hin amanin; jaalalloo kee ka sitti dhiyaatu hin hedatin; ati haadha manaa tee ta woliin bultutti hennaa dubbattuu uf eeggata'aa dubbadhu. Bara san ilmi abbaa ufii tuffata; intalti haadha ufiititti, intalti ilmaa soddaatii ufiititti diina taati; diintonni namaa maatima ufiiti. Ani garuu Rabbiin abdadha; Waaqa na fayyisullee hin eeggadha; inni naa dhagaya. Diina kiyya! ani yoo kufellee deebi'ee waan ka'uuf kufa kiyyatti hin gammadin; yoo amma dukkana keessa jiraadhellee Rabbi naa ibsa. Ani Rabbiin yakkeera kanaafuu haga inni laalee natti murteessutti lola isaa hin obsa; dhuma irratti inni ifatti na baasa; haqaan naa murteessa. Diintonni tiyya waan kana maraa hin argan; diinni kiyya ka Rabbiin Waandhi kee eessa jira? naan jedha'aa ture salphinna uffata; ani kufa diina kiyyaa hin arga akka dhoqqee karaa irra jiru irra deemaniititti hennaa isa irra deeman hin arga. Isin banii Yerusaalemii! hennaan dalloofni qachatti'ii ijaaramu hin dhufa; hennaa san bulchiinsi keessan hin badhata. Hennaa san baniin keessan gara keessan dacha'an; garri isaan deebi'anii dhufanillee gara baya biiftu'uutii Asooriin gara kibbaatitti biyya Misirii, naannoo laga Efraaxisiitii, akkasuma fago'oo galaanotaa fi gaarran kutanii dacha'an. Biyyiti ammo sababaa hammeenna namoota isii keessa jiraataniitiif ona taati. Rabbii kiyya! gumii banii keetii baallii keetiin eegi; isaan hulee biqiltuu lalisee bosona keessa worra hojja ufii jiraatan; akka duriititti Baasaanii fi Gala'aadiin keessatti akka waa nyaatan isaan taasisi. Maalalee hennaa biyya Misirii keessaa nu baafte goote nutti mudhisi. Isaan yoma worra hunna qaban ta'anillee kana arganii saalfatanii harkaan afaan ufii qabatan; gurra ufiillee hin cufatan. Isaan akka bofaatii fi akka uumama biraa ka gara'aan lafa irra looyaniititti biyyee arraaban; kushee ufii keessaa bayanii hollata'aa dhufan; sodaata'aa gara si'ii Rabbii Waaqa keennaa deebi'anii si sodaata'aa jiraatan. Waandhi cubbuu namaa dhiisu, ka banii ufii ka hafe irratti yakka hin laakkofne ka akka keetii eennu? namaa araaramuun waan si gammachiisuuf dheekkamsi kee ka baraa haga bara baraa turuu miti. Ati deebitee garaa nuu laafta; yakka keennallee miila keetiin irra deemta; cubbuu keenna maraa galaana xiilla'atitti gatta. Ati akkuma abboota teenna ta duriitii kakattetti fiixaa Abrahaamiitii fi fiixaa Yaaqoobiitii amanamumma'aa fi jaalala kee ka baraa haga bara baraa mudhifta. Mudhanninii fi dubbiin Naahoom gosa Eelqoorshaayii waan badii Nanawwe'eetiif dubbatee fi arge kana. Rabbi Waaqa hinaafuu fi Waaqa haluu bayu; Dheekkamsa ufii jaba'aan diintota ufii irratti balaa buusa. Rabbi hin obsa; hunni isaallee jaba'a; yakkamaa ammo uduu hin adabne hin dhiisu; karaan isaa haboonbolattii bubbisuu fi bubbee hunna qabu keessa; akkuma namni hennaa deemu awwaara kaasu akkasuma mudhachuun Rabbii duumessa fida. Rabbi galaanaa fi laggiin dheekkamsa ufiitiin gossa; biqiltoonni Baasaanii fi Qarmeloosiin keessatti argaman hin gogan; abaaboon Libaanosii hin quura. Gaarran Rabbiin afo'otti hin hollatan; tulloonnillee hin baqan; Rabbiin afo'otti lafti hin raafamti; adunya'aa fi worri isii keessa jiraatu maruu hin hollatan. Dheekkamsa isaa jabaa afoo eentu dhaabatuu danda'a? hennaa dheekkamsi isaa akka ibiddaa gubu eentu isa danda'a? dheekkamsi isaa ka akka ibiddaa bu'e dhagaan babbaqaqee bittinnaaya. Rabbi arja'a; hennaa rakko'oo hulee jabaa itti dhokatan; worra isa hedatan maraa hin kunuunsa. Worra isa morman lolaa bisaan jaba'aa isaan irra gara galcha; diintota ufii gara dukkanaa ari'a. Isin maaf Rabbitti mari'attan? inni haga dhumaa isin balleessa; lamuu deebitanii isatti ka'uu hin dandeettan. Isin worra machooftan! akkuma qoreenii fi wonti gogaan wol qabatee ibiddaan gubatee badu akkasuma isinillee hin baddan. Banii Nanawwe'ee! namni Rabbitti mari'atuu fi ka gorsa hamaa gorsu isin keessaa ka'eera. Rabbi Yihuudaa banii ufiitiin akkana jedha, «Worri Asoorii yoma jajjaba'aa fi ka laakkobsaanillee heddu ta'an diiggamanii badan; Banii kiyya! ani armaan dura yoo rakkoo isinitti guddisellee ammaa achi waan kana isin irratti hin godhu. Bulchiinsa dhiibba'aa ka worri Asoorii isinitti fe'an isin irraa kaasa; sibiila isaan miila keessaniin hidhan hin cabsa.» Murtiin Rabbi worra Asooriititti murteesse, «Isin ammaa achi fiixaa bakka keessan bu'ee maqaa keessan waamsisu hin argattan; ani waaqolee tolfamaa baffamanii hojjatamanii fi fakiiwwan bocaman mana woyyummaa waaqa tolfama'aa keessan keessatti argaman hin balleessa; isin worra bu'aa hin qabne waan taataniif boolla awwaalaa isinii qota» jedha. Ergamaan oduu nagayaa himu, ka waan nagayaa labsu gaarran irraan dhufa'aara; banii Yihuuda'aa! diintonni tee hammeeyyiin sirima waan badaniif ammaa achi biyya kee sirima marsanii hin qabatan! kanaafuu ayyaannan kee gammachu'uun kabajji! waan Rabbii woreega qabde kenni! Yaa Nanawwee'e! ka balaa sitti buusu dhufeera! kanaafuu kusheewwan kee jabeeffadhu! karaa kee gugurdaa maraa eegi! mudhii kee hidhadhu! hunna kee maraa jabeeffadhu! Yoma worri waa balleessan isaanii fi qabeenna isaanii balleessan Rabbi ulfinna Israa'elii ka ijoollee Yaaqoobii hin deebisa. Loltoonni wontee didiimaa qabataniiran; uffata diimaa dhiilgeellee uffataniiran; inni hennaa isaan hiriirsu sibiilli gaarii fardaa hin calanqisa; worri farda yaabbatan farda irra taa'anii mimirqaanan. Gaariin fardaa guddisanii fiiga'aa karaa irratti wol morkan; raasaa keessa asii fi achi gulufa'aa shawaa bobawu fakkaatan akka bakkakka'aatittillee hin fixiraman. Inni worra loltoota ajajan hin waama; isaan guggufata'aa gara afo'oo dhufan; loltoonni diinaa fiiga'aa dallawa qachatti'ii irra bayan; buundhee isaaniin darbatanillee wontee ufii gudda'aan uf irraa dhooggan. Balballan dallawa dhaga'aa ka qachatti'ii ka ladda lagaatiin jiru guddisanii banaman; manni mootumma'aallee guddisee raafame. Nanawween hin salphatte; mootittii booji'anii fudhatan; worri intalaa ka isi'ii hojjatu laagaa gaddaa ka akka laagaa handari'ii fakkaatu dhageessisa'aa qoma ufii tuma'aa booyan. Nanawween akka bisaan haro'oo ka yaa'uuti; baniin isi'iillee akka bisaan yaa'uu qachattii keessaa bayee hennaa deemu nama dhaabadhaa'a! dhaabadhaa'a! jedhu uf duuba gara galee hin laalu. Qabeenni qachatti'ii dhuma hin qabu; dhagaan isi'ii kabajjamaanillee baay'atee hagaa ol ta'e; kanaafuu deema'aatii birri'ii fi worqii saama'aa fudhadhaa'a. Nanawween hin badde; diiggamtee badde; onneen namaa soda'aan baqe; jilbi maruu hadoodee hollate; duddi nama maraatuu hin hollate; fuulli nama maraatuu daaraa fakkaate. Qachattiin leencan keessa jiraatan, ka leencan darmiin keessatti waa nyaatan, leencan dhalaanii fi kormaan ilmoolee ufii woliin raasaa sodaa malee keessa jiraatan fakkaattu amma eessa jirti? Leenci waan ilmoolee isaatii gawu dhadhoolee fida; leenca dhala'aafillee waan isiin nyaattu ajjeesee isi'ii fida; goda busaawaa dhadhooleen guute, boolla foon ciccirameen guute. Nanawwee'e! ani sitti ka'eera jedha Waandhi banii maraa; ani gaarii kee ka fardaa maraa hin gubee barbadeessa; leencan kee darmiin guraade'een dhuman; lafa irratti ka ati miitu akka hin jiraanne taasisa; laagaan ergamtoota keetii ammaa achi hin dhagayamu. Qachaa Nanawwe'ee ta worra nama ajjeesanii fi ta sirima sobduu taate worra nama saamu'uun beekkamanii fi qachaa boojuu hedduu keessa guutee hobbaasi! Isii keessa laagaa shabbeenaatii fi miila akka miila korbo'oo gulufa fardaatii fi iyya gaarii fardaatitu dhagayama. Worri fardaan gulufan gara afo'oo deema'aa guraadee isaanii ka ifuu fi eboo isaanii ka falaqqisu kaasan; namoonni hedduu waan du'aniif reeffi wol irratti tuulameera; sababaa reeffi baay'ateef namni karaa saniin lufu maruu hin gufata. Sababaan wonti kun ta'eef seebara seebartittii daangaa hin qabneetiif; isiin haadha mita hojjattu ta bareeddinna ufiitiin nama sobdu; mootota seebaraan, banii mora'aafii boojiti. Waandhi banii maraa akkana jedha, «Ani sitti ka'eera; shinshinii kee si irraa mulqee fuulatti si uwwisa; baniin qullaa ta'uu kee mootonnillee salphinna kee hin argan. Ani hulee fishaa itti gatan si taasisa; ani ija tuffi'iitiin si laala; namni maruu akka sitti baldu taasisa. Namni si arge maruu saalfatee ‹Nanawween diiggamtee waan ona taateef, eentu isi'ii naya?› jedha; ka isii jajjabeessu ani eessaa isi'ii arga?» Nanawwee'e! ati qachaa biyya Misirii ta Teebis jedhamtu akkuma ati bisaan waa si irraa ittisu qabdu ta laga Abbaayii bira jirtu, ta naannoon isi'ii bisaaniin marfamee fi bisaan galaanaa ka waa isii irraa ittisu caaltaa? Hunni isi'ii ka daangaa hin qabne biyya Misiriitii fi biyya Itoophiya'aa keessaa dhufa; namoonni Fuuxiitii fi Liibiya'aa worra isii gargaaran turan. Kun maruu ta'ee qachaa Teebisii diintonni isi'ii qabatanii banii isi'ii booji'aniiran; daa'imman isi'ii dhaga'aan bubburussanii karaa maraa irrattuu kuffisaniiran; isaan worra gugurdaa isi'ii irratti hixaa buufataniiran; bulchoota isi'ii haada sibiilaatiin hidhan. Nanawwee'e! hennaan ati akka nama machaayee gatantaruu taatuu fi diintota kee jalaa dheessitee hulee itti dhokattu soqattu hin dhufa. Kusheewwan kee maruu muka hurbu'uu ka dura gayee daraaraa baadhate ta'an; inni hennaa socho'ee daraaraan isa irraa harca'e afaan nama isa nyaatuu keessa bu'a. Loltoonni tee maruu akka intalaa sodaattuu ta'aniiran; balballan daangaa keetii diintota keetii banamaniiran; loosaawwan ibiddatu gubeera; Diintonni tee hennaa marsanii si rakkisan bisaan dhuddu woraabii kaayadhu! kusheewwan kee jabeeffadhu; dhoqqee faaraan hojjatan dhiitii qopheessii faara dhayi. Ati ibiddaan gubatta; baniin keellee lolaan dhumatuu hin oolan; akka midhaan tuunni awwaannisaa nyaateetitti bada; kanaafuu isin akka awwaannisaatii fi akka siqo'ootitti baay'adhaa'a. Daldaltoonni tee urjii sami'ii caalaa baay'ataniiran; ammo akka awwaannisaa lafa dheedanii barbadeessanii bararanii lixan. Worri si eegan akka korophiisaa, worri kee ka baallii qaban akka tuuta awwaannisa ka hennaa qorraa dallawa irratti quphatuuti; hennaa aduun baye bararanii lixan; garam akka lixa'aaran ka beeku hin jiru. Mootii Asoorii! worri si eegan rafaniiran; worri gugurdaan muganiiran; baniin kee gaarran irra bittinnaayaniiran; ka wolitti isaan qabu hin jiru. Ati akka hamaa waan madoofteef ka madaa kee fayyisuu danda'u hin jiru; hujii kee ka gar jabeennaa ka dhuma hin qabne jalaa dheessee baye waan hin jirreef worri waan kee dhagayan maruu kufa keetitti harka dhayan. Dubbiin Rabbi Imbaaqoomii raattichatti mudhataan mudhise kana; Yaa Rabbi! guyyaan ati akka nu gargaartuu fi miidhaa nu irra gayeef sitti himata'aa gara kee iyyannu dhageettee nu oolchitu yoomi? Ati maaf miidhaa ta'a'aaru kana maraa akka argu na taasifte? atillee hennaa miidhaan kun maruu ta'u arga'aa attamitti cadhiftee laalta? ani badi'ii fi dhibuu arga'aara; lollinii fi wol mormiin hin ka'a. Akkaataa kanaan seerri laafeera; handhillee dabeera; worri hammeeyyiin namoota qajeelaa marsaniiran; kanaafuu murtiin dabeera. Achiin maayessa Rabbi banii ufiitiin akkana jedhe, «Isin banii naannaya keessan jiru mee laalaa'a; waan argitan maraa guddisa'aa maalalaa'a; ani waan maalale'ee ka namni kamuu isinitti himee amanuu hin dandeenne bara keessanitti godha. Ani worra Baabiloonii gar jabeeyyi'ii fi worra jarjaru san isinitti kaasa; isaan biyya ka isaanii hin taane hunna ufiitiin qabachu'uuf biyya maraa keessa naannayan. Isaan worra nama sodaachisanii fi nama naasisan; seera ulfinna ufii ittiin eeggatan baafatan. Faradoon isaanii qeerransa caalaa fiigan, jeedala halkanii caalaa nama sodaachisan; worri farda yaabbatan gulufa'aa fago'oo dhufan butanii nyaachu'uuf akka allaattii bajja jedhamuu caalaa bararan. Loltoonni isaanii maruu hujii didda'aa hojjatu'uuf deeman; fuulli isaanii akka qilleensa baya biiftu'uutii dhufuu nama guba; worra booji'aman akka xidhacha galaanaa wolitti qaban. Isaan moototatti baldan; bulchoota ufii tuffatan; kusheewwan maraa irratti kolfa'aa biyyee tuulanii isaan qaban. Achiin maayessa isaan akka qilleensaa haranii deeman; namoonni hunna ufii akka Waaqa ufiititti laalan kunniin yakkamtoota.» Yaa Rabbi! Waaqa kiyya! ati woyyuu dur irraa jirtu; ati waan nu eedduuf hin duunu; ati isaan akka murtii kee raawwatan keetteerta; Ati akka dhagaa qarsa'aa keenna! akka isaan nu adaban baallii isaanii kenniteerta. Ijji tee waan qulqulluu taateef attamitti waan hamaa argitee obsita! atillee hennaa hujiin hamaan hojjatamu arguun sitti hin tolu; eeganaa worra dhibaa kanniin attamitti cadhiftee laalta? hennaa worri hammeeyyiin namoota isaan caalaa mimmishaa ta'an balleessu'uuf ka'an maaf cadhiftee laalta? Wonti namoota akka qurxummii galaanaatii fi uumama gara'aan lafa irra looyan ka galaana keessaa ka isaan bulchu hin qabnee isaan gootuuf maali'i? Akkuma qurxummiin hookkoo sibiilaatiin qabamu akkasuma diinni isaan maraa qaba; akka qurxummii siibo'oon harkifamuutitti isaan harkisanii hulee wolitti qabanitti isaan tuulan; waan kana godheef gammadee utaala. Isaan siiboo ufii ka harkisanii ittiin baasan saniif qanani'iin nu jiraachise, nyaata addaa nu nyaachise jedhanii meeshaa ufii kanaaf ciincaa dhiyeessan; hixaanallee hin aarsaniif. Eeganaa inni siiboo hargufa'aa banii araara malee fixa'aa deemuu barbaachisaa? Ani hulee kiyya ka itti eeggadhu irra dhaabadha; qaccee goom'ee dhaga'aa kiyya irra dhaabadha; Rabbi maal akka naan jedhu, gaafii kiyyaafillee maal akka naa deebisu eeggadha. Rabbi akkana jedhee naa deebise, «Mudhata ani sitti mudhisu barreessi; akka misha'atti akka dubbifamutti gabatee irratti barreessi. Sababaanillee mudhanni hennaa isaa murtaayee waan eeguuf, inni waan guyyaa raawwatamuu dubbata; sobni keessa hin jiru; yoma waan turu fakkaatellee eegi; dhugamaan guyyaan sun hin gaya; hin turulle'e. Ati mee worra uf jajan laali; yaanni isaanii qajeela'aa miti; namoonni qajeelaan ammo amanti'iin jiraatan» Dhugama qabeenni nama soba; namni uf jaju sirima hara hin baafatan; inni hin quufu akka awwaalaati; akka du'aallee nagaye waan hin jenneef mootota maraa ufitti fudhata; baniillee hin booji'a. Namni maruu namoota akkanaa kanniin irratti worra mammaaka'aa itti balda'aa, «Ati ka waan kee hin taane guurattu si hobbaasi! haga meeshaa akka qabdi'iititti fudhataniin uf duroomsitu haga yoomiiti?» jedha. Worri isin irraa liqaa qaban dunnuu hin ka'anii? ka'anii isin hin muddamsiisanii? achiin maayessa isaan isin booji'an. Isin qabeenna banii hedduu waan saamtaniif worri isaan irraa hafan qabeenna keessan saaman; isaan wonti waan kana godhaniif waan isin namoota ajjeeftanii, biyyattii, qachootaa fi worra isaan keessa jiraatan balleessitaniif. Nama akka miidhaan isa irra hin geenneef hulee jireenna ufii hulee ol ka'u irratti ijaaratuu fi nama galii seera male'eetiin mana ijaaratuu hobbaasi! Ati dhara karoorsitee namoota hedduu ajjeeftee mana keetitti salphinna fiddeerta; lubbuu teellee badii irra geessiteerta. Kanaaf dhagaan manaan ijaaran dhaaba manaa keessaa iyya; akkasuma utubaawwan mukaa laagama kana uf keessaa dhageessisa. Isin worri nama ajjeesa'aa qachaa ijaartan yakka hojjata'aa qachaa guddaa ijaartaniif hobbaas! Wonti namoonni hojjatan akka gubatu; waan mootonni itti dadhaban akka bu'aa hin qabne ka taasisu Waaqa banii maraatii mitii? Akkuma bisaan wol gayee galaana ta'ee lafa guutu, akkasuma ardiin beekkumsa ulfinna Rabbiitiin guuttamti. Ati namni goshoo kee qaama isaa ka saalaa argu'uuf waan nama macheessu obaaftee waan hamaa isa irratti raawwattu si hobbaas! Atuu machooftee gatantarta; koree keetitti ulfinna caalaa salphinna uffatta; Rabbi akka ati mijuu adabbi'ii guddaa dhuddu si taasisa; ulfinna kee gara salphinnaatitti jijjiira. Badiin ati Libaanositti fidde si irra gaya; badiin ati busaawaa irratti raawwatte si naasisa; sababaan wonti kun maruu si irra gawuuf waan ati nama ajjeeftee, biyyoota, qachootaa fi waan isaan keessa jiran maraa balleessiteef. Amma bu'ammaan waaqolee tolfama'aa maali'i? inni bee waan harka namaatiin bocamee hojjatamee; isa bira sobaa achi wonti biraa hin argamu; Eeganaa nama isa bocee hojjatee waaqa tolfamaa womaa dubbatuu hin dandeenne kana hedachuun maal isa fayyade? Ati ka waan muka irraa bocamee hojjatameen ‹Dammaqi› waan dhagaa irraa bocamee hojjatameen ‹ka'i!› jettuu si hobbaas! dhugamaan amma waandhi tolfamaan waan dhossa'aa sii ibsuu danda'aa? waaqa tolfamaan birri'ii fi worqii itti maxxansanii hojjataniiran; inni garuu sirima hafuura jireennaa hin qabu. Rabbi ammo hulee woyyuu ufii ka woyyoome irra jira; kanaafuu baniin adunyaa irra jiran maruu isa afo'otti haa cadhisanii. Kadhaan Imbaaqoomiin raattichi faaru'uun dhiyeesse kana; Yaa Rabbi! ani hujii maalale'ee ka ati hojjatte maraa dhagayee guddisee sodaadhe; ammallee bara keenna kana keessatti hujii kee ka durii deebi'ii hojjadhu; bara marattuu akka beekkamu taasisi; hennaa loltullee araara kee nu irraa hin fageessin. Rabbi woyyummaa ufiitiin biyya Teemaaniitii fi gaara Faaraaniitii deebi'ee dhufa; gaachenni Waaqummaa isaa samiiwwan dhosseera; galanni isaa ardii guuteera. Ifti isaa akka ifa adu'uuti; hunna ufii yoo dhosse harka isaa keessaa ifa biiftuu ganamaatitu baya. Dhukkubni isa afoo deema; balaan isa duubaan deema. Hennaa inni dhaabatu lafti hin raafamti; baniin hennaa inni isaan laale hin hollatan; gaarran durii hin diiggaman; tulloonni inni dur irraa jalqabee irra deemu gad liqimfaman. Ani hennaa gandi Itoophiya'aa hucuucaman, namoonni Miidiyaamii hennaa hollatan arge. Rabbii kiyya! ati hennaa farado'oo fi gaarii kee ka fardaa gara hulee moote'ee masakkite lolli kee guddaan galaannan irra turee? mo'o galaanaan lolte? Ati buundhee kee qolaa luqqifatte, eboo kee darbatu'uuf aggaamte ati lafa baqassitee laggiin baafte. Gaarran si arganii sodaatanii hollatan; lolaan roobaa lafa haree lufe; galaanni laagaa guddaa dhageessise; dambaliin guddisee ol ka'e. Sababaa bakakkaa kee ka akka buundhe'eetitti darbamuu fi ka akka ebo'ootitti ifuutiin adu'uu fi jiini hulee jiranitti dhaabatan. Ati lafa irra dhaabattee, banii dheekkamsa keetiin dhidhiitte. Ati banii kee oolchu'uuf mootii muuddee moosifte hambisu'uuf baate; bulchaa biyya badi'ii hin tumte; worra isa faanaa deemanillee balleessitee qullaa isa hambifte; miilaa haga mata'aa qullaa isa hambifte. Bulchaa loltootaa ka akka qilleensa bubbe'ee nu bittinneessu'uuf dhufe eboma isaatiin isa woraante; inni akkuma bineensa busaawaa dadhabaa cicciru'uuf kajeeluu hiyyeeyyii dhokatan miidhu'uuf qophaayee ture. Ati hennaa faradoo keetiin galaana keessa deemtu galaanni xiillaan hin raafama. Ani hennaa kana mara dhagawu qaamni kiyya hin hollata; laagaan isaa hidhii kiyya hollachiisa; lafeewwan kiyya hin shaman; miilli kiyya na jalatti hollatan; ani rakkoo diintota kiyya irra gawu obsaan eega. Yoma munni hurbu'uu daraaruu baate, yoo biqiltuu woyini'ii irra daraaraan hin argamne, yoo munni ejersaa daraaraa hin kennine, yoo lafa qonnaa keessaa midhaan bade, yoo tinni hoolotaa maruu dhumanii fi yoma moonaa keessa horiin woyiituu hin jiraanne Yoma kunniin maruu dhabamellee ani Rabbiin gammada; Waaqa fayyisaa kiyyaan burraaqa. Rabbi Gooftaan hunna kiyya; luka kiyya akka luka borofaatitti naa jabeessa; gaarran irrallee akka deemu na taasisa. Sofoniyaas ilma Kushiiti; Kush ilma Gadaaliya'aati; Gadaaliyaan ilma Amaariya'aati; Amaariyaan ammo ilma mooticha Hisqiyaasiiti; raanni Rabbi Sofoniyaasitti dubbate ka bara ilmi Amoonii Iyyoosiyaas biyya Yihuuda'aa irratti mooyee kana. Rabbi akkana jedha, «Ani waan maraa sirima lafa irraa balleessa. Nama busaawaa, simbirran sami'iitii fi qurxummiiwwan galaanaallee hin balleessa; worra hammeeyyii gara gaggalcha; fiixaa namaa lafa irraa balleessa; ka waan kana dubbate ana Rabbi. «Ani banii Yerusaalemiitii fi banii Yihuuda'aa maraa hin adaba; hulee sanii waan caccabee harca'e ka waandhi tolfamaan Ba'aal jedhamu itti waaqeffamuu fi yaadannoo gadootaa ka waaqa tolfama'aa hin balleessa. Worra ginno irra bayanii adu'uu, ji'aa fi urjiiwwanii sagadan hin balleessa; ani worra na waaqeffata'aa maqaa kiyyaan kakata'aa deebi'anii maqaa waaqa tolfamaa Milkoom jedhamuun kakatan hin balleessa. Worra na irraa fagaatan, worra na faana deemuu dhiisanii fi worra gara kiyya dhufanii akka ani isaan masakkuuf na gaafatuu didan hin balleessa» jedha. Guyyaan murtii Rabbii waan dhiyaateef Rabbiin afo'otti cadhisaa'a; Rabbi banii ufii akka horii ciinca'aaf qalamuu dabarsee isaan kennu'uuf qophaaya'aara; inni diintota Yihuudaa saaman addaan baasee qopheesseera. Rabbi akkana jedha, «Guyyaa ani banii kiyya dabarsee kennu worra jajjaba'aa fi worra baallii qaban akkasuma worra aadaa ormaa hordofan maraa hin adaba. Namoota guyyaa san seera waaqeffanna'aa ka worra Yihuudotaa hin taaneetiin mana woyyumma'aa keessatti utaala'aa waaqeffatanii fi worra mana gooftaa isaanii meeshaa dharaa fi sobaan argameen guutan hin adaba.» Rabbi akkana jedha, «Guyyaa san dallawa Yerusaalemii gara balbala qurxummi'ii jedhamee waamamuutiin laagaa iyyaatitu dhagayama; bayima itti bayan ka haarawaatiillee laagaa booyaatitu dhagayama; tulloota jiddu'uullee raafama gudda'atu dhagayama. Isin worri kutaa gadii ka qachattii keessa jiraattan maruu, daldaltoonni teessanii fi daldaltoonni birri'iin daldalan waan badaniif hennaa laagaa kana dhageettan ‹banne! banne!› jedha'aa booyaa'a. Ani guyyaa san ibsaa harkatti qabadhee Yerusaalemiin tooyadha; worra qanani'anii akka daadhiin woyini'ii qararee gagaan jalatti hafuu ta'anii fi Rabbi waan misha'aa fi hamaallee hin godhu jedhan hin adaba. Qabeenni isaanii hin saamama; manniin isaanii hin diiggama; hennaa san isaan mana ijaaratan; ammo keessa hin jiraatan; biqiltuu woyini'ii hin dhaaban, ammo daadhii woyini'ii hin dhugan. Guyyaan Rabbii guddaan dhiyaateera; ariifatee dhufa'aaralle'e; guyyaan sun guddisee nama sodaachisa; laagaan guyyaa san dhagayamu hama'a; ka lolu laagaa gudda'aan iyya. Guyyaan sun guyyaa lolaa, ka rakkinnaa, ka hucuucamu'uu, ka badi'ii, ka diigga'aa, ka dukkanaa, ka hurri'ii, ka duumessaatii fi guyyaa dukkana jaama'aa ta'a. Guyyaan san qachoota dhokatanii fi dallawa dhaga'aa dhedheeraa irratti laagaa xurumbaa lolaatii fi laagaa nama seeraniintu dhagayama. Rabbi akkana jedha, «Isaan cubbuu hojjatanii waan na yakkaniif akka jaama'aatitti haga bararraaqanitti namoota irratti rakkoo guddaa fida; dhiinni isaanii akkuma bisaaniititti jiga; reeffa isaanii akka fisha'aatitti hulema arganitti gatan.» Guyyaa Rabbi dheekkamsa ufii mudhisu namoota meetiinii fi worqiin isaanii isaan oolchuu hin danda'u; hinaaffaa isaa ka akka ibiddaatiin lafti maruu hin baddi; sababaan wonti kun maruu ta'uuf namoonni adunyaa irra jiran maruu waan dimmaa dhumaniif. Isin banii hin saalfanne daddafa'aa gara Rabbii deebi'aa'a. Yoo kana hin goone ammo akka buraa qilleensi fudhatee deemuunii taatan; dheekkamsi Rabbii ka akka ibiddaa bobawu isinitti dhufa; guyyaan dheekkamsa Rabbii guddaan isinitti dhufa. Isin fayyaaleyyiin ajaja Rabbii raawwata'aa jiraattan gara Rabbii deebi'aa'a; hujii qajeellumma'aa hojjadhaa'a; gara laafumma'aan gad uf qabaa'a; akkaataa kanaan maal laataa guyyaa Rabbi dheekkamsa ufii mudhisu adabbii jalaa bawuu dandeettan ta'aa. Gaazaa keessaa bayanii ta namni keessa hin jiraanne taati; Asqaloonaanillee ona taati; worri Ashdoodiin keessa jiraatan guyyaa mana jireennaa ufii keessaa ari'aman, namoonni Aqaarooniillee qachattii keessaa buqqa'anii bayan. Isin worri Karitaawotaa ka galaana qaccee jiraattan jechuun worra Filisxeemii isin hobbaasi! murtiin Rabbii isinitti dhiyaateera; Kana'aanii biyya Fisxeemii taate si hobbaasi! namni tokkollee akka si keessa hin jiraanne taasisee si balleessa. Lafti teessan ka qarqara galaanaa jirtu ta horii itti bobbaasan, mana worri tisse'ee keessa jiraatanii fi moonaa loon keessa bulu taati. Rabbi Waandhi isaanii waan isaan kunuunsuu fi qabeenna isaaniillee waan isaanii deebisuuf akka horii ufii itti bobbaafatan lafti qarqara galaanaa jirtu ristii worra banii Yihuuda'aa irraa hafanii taati; hennaa isaanitti dhiye manniin Asqaloona'aa keessa bulan. Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedha, «Ani balda banii Moo'aabii ka banii kiyya irra gayee fi arraba banii Moo'aabii ka banii kiyya irra gaye dhagayeera; isaan attamitti akka isaanitti baldanii fi attamitti akka ristii isaanii fudhatu'uuf dhaadatan beekeera. Ani Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii jiraataa waan ta'eef Moo'aab akka Sodoomii, Amoon ammo akka Gamoora'aa ta'an; lafti doba'aa fi akka boolla sooqiddi keessaa bayuu hennaa dheera'aaf diiggamtee ona taati; baniin kiyya ka du'a irraa hafe isaan saamanii qabeenna isaanii dhaalan» Wonti adabbiin kun banii Moo'aabiitii fi banii Amoonii irra gawuuf waan isaan banii Rabbii Waaqa banii maraa irratti baldaniif baanatanii fi waan sababaa uf jajuu isaaniitiif kaffalamu ta'eef. Waaqolee tolfamaa sobaa ka biyya isaanii keessa jiran waan balleesseef Rabbi isaan biratti hin sodaatama; mootonni daangaa galaanaatii fi lafa bisaaniin marfamte keessa jiraatan maruu hulema jiranitti isaa sagadan. Isinillee worri Itoophiya'aa! guraadee kiyyaan dhumtan. Rabbi hunnaa ufiitiin Asoorii gara kaabaatitti argamtu hin balleessa; qachaa Nanawwe'eellee ona godha; akka lafa gammoojji'iititti isii gossa. Bineensonni hedduu isii keessa jiraatan; urunguuwwan gara garaa ginnoo isi'ii irra jiraatan; foddaa maraa keessaanuu hin iyyan; lafti muka Libaanosiitiin hojjatame waan wol gad dhiisuuf hulee irra dhaabatan irratti bala'atu dhufa. Qachattiin, «Ana malee ka biraa hin jiru» jedha'aa bashannana'aa uf gammachiisa'aa turte attamitti ona bineensonni keessa galan taate! namni karaa isi'iitiin lufu maruu qubaan mudhisa'aa isi'itti fiissa. Qachaa Yerusaalemii ta banii ufii cubbu'uun hucuuca'aa battooftee dhibduu taatee hobbaasi! Isin eennuunillee hin dhageettu; gorsallee hin fudhattu; Rabbiin hin hedattu; gara Waaqa ufiillee hin dhiyaattu. Bulchoonni isi'ii akka leencan aadaniiti; abboonni isi'ii ka murti'ii akka Yeyyiiwwan halkanii ka boruuf uduu hin hambifanne waan argatan maraa nyaatanii fixanii beelayaniiti. Raattonni isi'ii worra uf jaju'uun bokokanii fi dharaan guuttaman; gadoonni isi'ii waan woyyoome batteessan; seeraallee hin ajajaman. Rabbiin qajeelaan isii keessa jira; inni dogoggora hin hojjatu; guyyama guyya'aan murtii kenna; ganama maraa waan kana godhuu hin dhiisu; baniin waan hamaa hojjatu ammo hin saalfatu. Rabbi akkana jedha, «Mootota worra Yihuudii hin taanee hin balleesse; kusheewwan isaaniillee hin diige; karaa isaanii maraa ona eennullee keessa hin deemne godheera; qachootallee ka baniin keessa hin jirre, ona eennullee keessa hin jirre taasiseera. Ani sababaa waan kana maraa godheef, Baniin kiyya na kabajja; gorsa kiyyallee hin fudhata; gorsa ani isaan gorse maraa hin irraanfatan jedhee ture; baniin kiyya ammo ta qaraa caalaa badoomee hujii hamaa'an battaaya'aa deeme.» Rabbi akkana jedha, «Isin diqqoma naa obsaa'a; hennaan ani isaanitti murteessu hin dhufa; bani'ii fi mootota wolitti qabee dheekkamsa kiyya jabaa isaanitti buusa; sababaa dheekkamsa kiyya jaba'aatiif ardiin maruu hin baddi. Ani hennaa san akka baniin dubbii mishaa dubbatan godha; wonti ani waan kana maraa godhuuf maqaa kiyya maqaa Rabbii akka waamanii fi akka tokkumma'aan na tajaajilaniif. Baniin kiyya ka baqatanii faca'aniiran na waaqeffatu'uuf laggiin Itoophiya'aa gamaa kennaa qabatanii naa dhufaniin. Ani waan worra uf jajanii fi worra boonan isin keessaa balleessuuf isin yakka raawwattanii na yakkitaniin hennaa san hin saalfattan; isin ammaa achi gaara kiyya woyyuu irratti uf hin jajjan. Ani isin keessaa namoota gara laafeyyii gad uf qaban hambisa; isaan worra na hedatanii fi worra gargaarsa kiyya hawwan ta'an. Baniin Israa'elii ka boojuu irraa hafan eennuun irrattillee waan hamaa hin godhan; soba hin dubbatan; arraba ufiitiin nama hin soban; kanaafuu isaan nyaata'aa nagayaan jiraatan; ka isaan sodaachisullee hin jiru.» Mucattii Tsiyoonii! faarfadhu! banii Israa'elii! Faarfadhaa'a! ililfadhaa'a! banii Yerusaalemii! garaa guutu'uun gammadaa'a! burraaqa'alle'e. Rabbi adabbii murti'ii ka isinitti murteesse isin irraa kaaseera; diintota keessanillee isin jalaa balleesseera; Rabbi mootiin Israa'elii jidduu keessan jira; isin ammaa achi badi'itu nu irra gaya jettanii hin sodaattan. Hennaa san waan Yerusaalemiitiif, Ati qachaa Tsiyoonii! hin sodaatin! hunni keellee hin dadhabin! Rabbi Waandhi kee si woliin jira; hunna ufiitiin mootee sii kenna; Rabbi sitti gammada; jaalala ufiitiin si haarawoomsa; baniin akkuma guyyaa ayyaanaa faaruu faarfatan; akkasuma inni sitti gammada jedhan. Rabbi akkana jedha, «Akkuma guyyaa ayyaanaa gammadan; akkasuma attillee akka gammaddu si taasisa; ammaa achi salphinni si irra hin gawu. Ani hennaa san worra si hucuucan maraa hin adaba; worra hokkolan maraa hin fayyisa; worra ari'aman maraa deebisee wolitti qaba; hulee isaan itti salphatan marattuu, salphinna isaanii gara ulfinnaa jijjiira» Rabbi akkana jedha, Ani hennaa san wolitti qabee gara biyya keessanii isin deebisa; ani hennaa qabeenna keessan maraa uduu ijji teessan argitu deebise isin banii lafa irra jiraatan maraa afo'otti worra gurra bayee fi worra galataa taatan.» Daariyoos mooyee woggaa lammeesso'oo ji'a jaheesso'oo guyyaa jalqabaatitti Rabbi raatticha Hage'etti dubbate; namni inni itti dubbate bulchaa Yihuuda'aa Zarubaabelii ilma Salaatiyaaliitii fi Iyyaasuu gadicha bulchaa gadootaa ilma Iyyooseedeeqiititti. Waandhi banii maraa, «Baniin kun hennaan manni woyyumma'aa deebi'ee haarawoomee itti ijaaramu hin geenne» jedha. Kanaafuu dubbiin Rabbi Hagee raattichaatiin bani'itti dubbate kana, «Banii kiyya! manni kiyya uduu diiggamee jiru isin ammo mana keessan ka bareede keessa jiraachuun keessan kolbaa? Isin mee akkaataa itti jirtan kana yaadaa'a. Isin midhaan heddu facaafattan diqqoo haamattan; hin nyaattan garuu hin quuftan; hin dhuddan garuu dheebuu hin baatan; uffata tuulattanii wol irraan uffattan garuu isinitti hin oo'u; mindaan isin argattan waan barakaa hin qabneef akka nama kiisii tarsa'e keessa kaayateeti. Mee akkaataa itti jirtan kana yaadaa'a. Amma isin gara tullootaa ol baya'aa muka mura'aa fida'aatii mana woyyumma'aa deebisa'aatii ijaara'aa haarawoomsaa'a; anillee isatti gammaddee itti na galatoonfatanii. Isin midhaan heddu galfatu'uuf karoorfattanii turtan; ammo diqqoma san gara manaa hennaa galfattan ani waan afuufeef hin bade; wonti ani waan kana godheef maali'iif isinitti fakkaata? wonti ani waan kana godheef isin keessaa namni maruu mana ufii bareechisee ijaarata'aa manni kiyya woyyuun diiggamee waan hafeef. Sababaan roobni hin roobnee fi midhaan hin biqilleefillee kana. Ani sababaa kanaaf gaarran irratti midhaan, woyinii'i, sayitii'i, waan lafti biqilchitu maraa, namoota, busaawa'aa fi bu'aa hujii isaanii maraa irratti caama fida. Zarubaabeliin ilmi Salaatiya'aa, Iyyaasuu gadicha bulchaa gadootaa ilma Iyyooseedeeqii banii baqaa dacha'an woliin dubbii Rabbii Waaqa isaaniitii fi ergaa Rabbi raatticha Hage'een ergeef hin ajajaman; baniin Rabbiin sodaatan. Ergamaan Rabbii Hageen bani'iin, «Ani isin woliin jira jedha Rabbi» jedhee ergaa Rabbii dabarse. Achiin maayessa Rabbi ayyaana bulchaa Yihuuda'aa Zarubaabelii ilma Salaatiyaalii, Iyyaasuu gadicha bulchaa gadootaa ilma Iyyooseedeeqiitii fi namoota hulee baqatanii dacha'an maraa kakkaase; isaan mana woyyumma'aa ka Rabbii Gooftaa banii maraa Waaqa isaanii ijaaruu jalqaban. Hennaan wonti kun maruu ta'e Daariyoos mooyee woggaa lammeesso'oo jiini jaheesso'oo seenee guyyaa diddamii arfeesso'ootitti. Daariyoos mooyee woggaa lammeesso'oo jiini torbeesso'oo seenee guyyaa diddamii tokkeesso'ootitti Rabbi deebi'ee lammeessoo Hagee raattichatti dubbate. Gooftaan bulchaa Yihuuda'aa Zarubaabelii ilma Salaatiya'aa, Iyyaasuu gadicha bulchaa gadootaa ilma Iyyooseedeeqiitii fi banii baqa irraa hafanii dacha'anitti akkana jedhii dubbadhu jedheen. «Ulfinni Mana Woyyumma'aa dur attam akka ture isin keessaa namni laale jiraa? adha ammo ka maal ta'eeru arga'aartan? wonti kun isin bira akka hin jirretti ka laallamuu miti? Amma garuu Zarubaabel! jabaadhu; Iyyaasuu gadicha bulchaa gadootaa ilma Iyyooseedeeqii jabaadhu isin banii biyyaa! jabaadhaa'a! ani isin woliin jiraa; Ani isin woliin ta'aa. Akkuma hennaa biyya Misiriitii isin baase, Ani isin woliin ta'a jedhee dubbii abdi'ii isinii kenneetitti akkasuma ammallee Hafuurri kiyya waan isin woliin jiruuf jabaadhaa'a; hin sodaatinaa'a!» jedhee isaanitti hime. Waandhi banii maraa akkana jedha, «Ani hennaa gabaabaa keessatti ardi'ii fi samii'i, galaanaa fi lafa sochoosa; Ani mootota maraa gara galcha; qabeenni isaanii maruu akka garana dhufu godha; kanaafuu Manni Woyyumma'aa kun qabeennaan guuttama. Meeti'ii fi worqiin adunya'aa maruu kiyya. Manni woyyumma'aa haarofni ka duraa caalaa bareedaa ta'a; ani achitti banii kiyyaa nagaya guutuu kenna» ka waan kana dubbate Rabbi Gooftaa banii maraati. Daariyoos mooyee woggaa lammeesso'oo jiini sagaleesso'oo seenee guyyaa diddamii arfeesso'ootitti Rabbi Gooftaan banii maraa «Gadoota waan seeraa gaafadhu; Fakkeennaaf namni tokko foon woyyoome hulee ciinca'aatii fudhatee uffata ulfinnaa ka uffataniin maree uduu qabatee uffata; buddeena, ittoo, daadhii woyini'iitii fi sayitii ejersaa yookaan nyaata kamiinuu uduu tuqee wonti nyaatan sunniin maruu sababaa nama saniitiif ka woyyoome ta'uu danda'aa? isaaniin jedhi» jedhee itti dubbate; akkaataa kanaan raattichi haga isaan gaafateen maayessa «Gadoonni ka woyyoome ta'uu hin danda'u» jedhanii deebisan. Hageenillee deebisee, «Namni reeffa qaqqabee battaaye tokko gosa nyaataa kanniin keessaa tokkocha uduu tuqee nyaanni tuqame sun dhugamaan hin battaayaa?» jedhee isaan gaafate; gadoonnillee, «Ee hin battaaya» jedhanii deebisaniif. Hageen akkana jedhe, «Baniin kun maruu akkasuma; kanaafuu hujiin isaaniitii fi kennaan isaan dhiyeessan ka battaayeeru» jedha Rabbi. Rabbi akkana jedha, «Isin maaltu akka isin irra gaye hin qaabattanii? isin Mana Woyyumma'aa deebiftanii uduu ijaaruu hin jalqabneen dura; Midhaan kiiloo dhibba lamaa argatu'uuf hulee midhaan itti kuusan dhaxxan; ammo midhaan isin argattan kiiloo dhibba tokko calla'a; daadhii woyini'ii liitirii dhibba tokkoo argachuu barbaaddanii gara hulee woyinii itti cuunfanii dhaxxan; ammo daadhiin woyini'ii ka isin argattan liitirii afurtama calla'a. Isinii fi bu'aa hujii keessanii maraa waagi'iin, dhibeewwan biqiltootaa ka biraatii fi barada'aan dhaye; kun maruu ta'ee isin ammo aagi'iin gara kiyya hin deebine. Isin amma jiini sagaleesso'oo seene guyyaa adhaa irraa haga guyyaa diddamii arfeesso'ootii jalqaba'aatii yaadaa'a; guyyaa bu'uurri Mana Woyyummaa Rabbii itti dhaabame irraa jalqaba'aatii hubadhaa'a. Amma yoo midhaan sanyi'iif ta'u gootaraa keessa hin jiraanne, woyini'ii fi munni hurbu'uu, biqiltuun roomaani'iitii fi biqiltuun ejersaallee yoo daraaraa daraaruu baatan ani guyyaa kana irraa jalqabee eebba isinii kenna.» Ji'uma san guyyaa diddamii arfeesso'ootitti Rabbi deebi'ee Hagee raattichatti dubbate. Zarubaabelii bulchaa Yihuuda'aatitti, Ani hennaan ardi'ii fi samii itti sochoosu hin dhufa. Hennaa san teessoo ulfinna ka moototaa gara galcha; hunna isaaniillee akka waan hin jirree taasisa; worra gaarii fardaa oofan gaarima san wolii gara isaan galcha; faradoon isaanii hin dhuman; worri farda yaabbatanillee wolitti gara galanii wol ajjeesan. Tajaajilaa kiyya Zarubaabel! ani si fileera; ani guyyaa tokko akka ati bulchaa taatu si fooyee akka chaappaa qubee kiyyaa si taasisa jedha Rabbiin Gooftaan banii maraa» jedhii dubbadhu. Daariyoos Faarisiin irratti mooyee woggaa lammeesso'oo ji'a saddeetesso'ootitti dubbiin Rabbi Zakkaariyaasii ilma Baraakiyyuu ilma ilma Ido'ootitti dubbate kana. Rabbi Gooftaan banii maraa Zakkaariyaasiin bani'itti ani Rabbi abboota teessan ta duriititti guddisee dheekkamee ture. Amma ammo wonti isiniin jedhu kana; gara kiyya deebi'aa'a anillee gara keessan deebi'aa. Akka abboota teessan ta durii hin ta'inaa'a; raattonni durii isaaniin karaa hamaa keessanii fi hujii hamaa keessan irraa deebi'aa'a jedhanii isaan seeranii turan; abboonni teessan ammo dubbii kiyya hin caqafne; ajaja kiyyallee hin eenne. Abboonni teessan ta durii amma eessa jiran? raattonni baraa haga bara baraa jiraatanii? seeraa fi ajaja ani raattota tiyya ta na tajaajilan abboota teessanitti dabarse waan hin eenneef hin adabamnee? kanaafuu isaan yakka hojjatanitti gaabbanii Rabbi Waandhi banii maraa akkuma ufii karoorfatetti akka hujii keennaatii fi akka jireenna keennaatiin nu adabuun kolba jedhan» jedhii dubbadhu. Daariyoos mooyee woggaa lammeesso'oo jiini kudha tokkeesso'oo ka Sheebaax jedhamu seenee guyyaa diddamii arfeesso'ootitti dubbiin Rabbii gara Zakkaariyaasii ilma Baraakiyyuu ilma ilma Ido'oo dhufe. Maleekkaan Rabbii ka farda diimaa yaabbateeru arge; inni mukkiin dhedheeraa dhooqa keessa jiran keessa ka dhaabateeru arge faradoo didiimaa'a, farda bulloo'o, hulee ol jedhu irratti isa duubaan deema'aa turan. Anillee «Gooftaa kiyya! faradoon kunniin fakkeenna maali'iiti?» jedhee isa gaafadhe; innillee, «fakkeenni faradoo kanniinii maal akka ta'e sitti mudhisaa. Isaan akka naannaya'aa ardii tooyataniif Rabbi isaan erge» naan jedhe. Isaanillee nu'u ardii maraa irra naannofnee qoranne; ardiin maruu nagaya» jedhanii maleekka'atti himan. Maleekkichillee «Waaqa banii maraa! hennaa ati qachoota Yerusaalemiitii fi qachoota Yihuuda'aatitti dheekkamte irraa jalqabee woggaan torbaatamaa lufeera; ati ka isaanii araaramuu diddu haga yoomiiti?» jedhee gaafate. Achiin maayessa Rabbi maleekkaa na woliin qaaqa'aa turee dubbii nama gammachiisuu fi nama jajjabeessuun deebii isaa deebise. kanaafuu maleekkichi dubbii Rabbiin gooftaan banii maraa jedhu Ani Yerusaalemii qachattii tiyya woyyu'uu jaalala gudda'aa fi hinaaffaa jabaa qaba. Ani mootota worra Yihuudii hin taanee ka nagaya argatanii cadhisanii jiraatan guddisee loleera; sababaan loleef hennaa ani banii kiyya adabuu dhiise mootonni worra Yihuudii hin taanee sunniin banii kiyya hagaa olitti rakkisaniiran. Kanaafuu ani qachatti'itti araara kiyya mudhisu'uuf gara Yerusaalemii deebi'a; Manni Woyyuun kiyyaa fi qachattiin deebi'anii haarawoomanii ijaaraman› jedhii labsi» naan jedhe. Maleekkichi deebi'ee «Ati Rabbi Gooftaan banii maraa akka qachoota deebisee duroomsuu fi Yerusaalemiinillee akka duriititti akka gargaaru, qachaa ufiillee akka taasifatu dubbadhu» naan jedhe. Mudhata biraa gaafa sanga'aa arfan arge; Ani maleekkicha na woliin qaaqa'aa ture saniin «Gaafni kunniin fakkeenna maali'ii akka ta'an natti himi!» jedheen; innillee «Gaafni sunniin mootota banii Yihuuda'aa, banii Israa'eliitii fi banii Yerusaalemiin akka bittinnaayan godhan» naan jedhe. Achiin maayessa Rabbi worra sibiila bassu ka burussaa afurii harkatti qabataniiran natti mudhise; ani, «Namoonni kunniin maal hojjachu'uuf dhufan?» jedhee isa gaafadhe; innillee «Isaan wonti dhufaniif mootota worra Yihuudota hin taanee ka biyya Yihuuda'aa sirima balleessanii akka baniin isi'ii sirima bittinnaayanii hafan godhan raasu'uu fi kuffisu'uuf» naan jedhe. Mudhata biraa ka nama haada waa bikkaniin harkatti qabateeru arge. Ani «garam deema'aarta?» jedhee isa gaafadhe; innillee «dheerinna Yerusaalemiitii fi badhinni isi'ii hagam haga gawu bikku'uuf deema'aara» naan jedhe. Achiin maayessa ani maleekkaa na woliin qaaqa'aa ture uduu inni gara afo'oo deemu maleekkaan biraa ka isaan wol gawu arge. Maleekkaan duraa ka lammeesso'ootiin akkana jedhe, «gara ka'imticha haada waa bikkaniin harkatti qabateeruu fiigii ‹Yerusaalemiin keessatti waan baniin hedduutii fi busaawaan hedduu argamuuf dalloofni dhaga'aa kanniin maraa wolitti qabchuu hin danda'u› jedhii itti himi.» Rabbi akka qachattii naannaya isi'ii akka dallawa ibiddaa ta'ee akka isii eeguu fi ulfinna ufiitiin akka achi jiraatu abdii kenneera.» Rabbi akkana jedha, «Ani gara kallattii arfanittuu isin facaasee ture; amma garuu isin biyya gara kaabaatii ka'a'aatii dheessaa'a. Isin worri baqattanii Baabilooniin keessa jiraattan gara Yerusaalemii deebi'aa'a» Namni isin tuqe akka nama ija isaa tuqeetitti laallama; dubbiin hennaa Gooftaan ulfinnaa banii isin saametti na erge dubbate kanniin. Ani amma harka kiyya isaanitti hiixadha; isaan worra isaan booji'anii bulcha'aa turanii garboota ta'an; achiin maayessa isin akka Waandhi banii maraa na erge beettan. «Banii Yerusaalemii ani waan dhufee isin keessa jiraadhuuf! faarfadhaa'a! gammada'alle'e! jedha» Rabbi. Hennaa san gofti worra Yihuudota hin taanee heddu Rabbiin wolii galanii ka isaa ta'an; inni isaan keessa jiraata; isin ka ana erge akka isa ta'e hubattan. Inni biyya woyyoomte keessatti Yihuudaa ristii ufii taasifata; Yerusaalemiinillee deebi'ee filata. Rabbi hulee jireennaa woyyuu ufiitii dhufu'uuf waan ka'eef isin maruu isa afo'otti cadhisaa'a. Achiin maayessa Rabbi Iyyaasuu gadicha bulchaa gadootaa ka maleekkaa Rabbii afoo dhaabateeru mudhataan natti mudhise; seexanni Iyyaasuu himatu'uuf gara cinaa mirgaatiin dhaabatee ture. Maleekkaan Rabbii seexanaan «Ati seexanni! Rabbi si haa xixu! Rabbiin Yerusaalemiin jaalatu si haa xixu! namni kun bee akka muka ibidda keessaa hafee bayeetii» jedheen. Iyyaasuun uffata xuraaye uffatee maleekkaa afoo dhaabatee ture. Maleekkichillee worra isa afoo dhaabatanii tajaajilaniin uffata xuraaye kana irraa mulqaa'a! jedhee isaan ajaje; Iyyaasu'uttillee gara galee «Ani yakka kee sii dhiiseera; uffata ulfinnaa haarawa sitti uwwiseera» jedheen. Maleekkichi worra isa tajaajilaniin, «Marata qulqulluu mata'atti godha'aafii'i!» jedhee ajaje; isaanillee akkuma ajajaman godhan; uduu maleekkaan Rabbii achi dhaabateeru tajaajiltoonni isaa uffata haarawa Iyyaasu'utti uwwisan. Achiin maayessa maleekkichi Iyyaasuu seeree, Rabbi Gooftaan banii maraa yoo jireenni kee akka ani fedhu ta'e, waan si ajaju maraa yoo goote, mana woyyumma'aa kiyya keessatti bulchiinsa, bayima baniin kiyya itti wol gawu irrattillee baallii guddaa sii kenna; akka ati maleekkota as dhaabatan woliin na afo'otti seena'aa bawuu dandeettu baallii sii kenna. Iyyaasuu gadicha bulchaa gadootaa! kana dhagayi; isin worri isa woliin gadumma'aan tajaajiltanii fi waan mishaa durana ta'uufillee malkata taatan waan kana dhagayaa'a; ani tajaajilaa kiyya ka ‹Damee› jedhamee waamamu duranaa hin erga. Ani afoo Iyyaasu'uutitti dhagaa tokko ka roga torbaa qabu dhaaba; isa irratti barreeffama mudhatu barreessa; ani yakka biyya tanaa guyyaa tokkoon balleessa. Guyyaan sun yoo gaye isin keessaa namni gariin biqiltuu woyini'iitii fi biqiltuu muka hurbu'uu jalatti ollaa ufii nyaachisa waama'aa gammada'aa usheexxa jedha» jedheen. Maleekkaan na woliin qaaqa'aa ture sun deebi'ee natti dhufee akka nama hirribaa dammassaniititti na dammasse. Wonti ati arga'aartu maali'i jedhee na gaafate; anillee akkana jedhee deebiseef «Ani baattuu ibsa'aa ka ibsaa torbaa qabu arga; gubbaa isaa irra ottee sayitii ejersaatitu jira; ibsaan torbanuu qaawa miseensa jirbi'ii ibsa'aa keessa darbu qaba. Baattuu ibsa'aa biratti mukkiin ejersaa lamaan ottee bita'aa fi mirgatti mudhata» jedhee isaa deebise. Anillee maleekkaa na woliin qaaqa'aaru san akkana jedhee gaafadhe, «Gooftaa kiyya! kunniin fakkeenna maali'iiti?» Innillee «Wonti kunniin maal akka ta'e hin beettuu? naan jedhe; anillee «Gooftaa kiyya! ani hin beeku» jedheen. Dubbiin Waaqa banii maraa akka ani Zarubaabelitti himuuf maleekkaan natti hime kana; Ati mooyachuu ka dandeettu Hafuura kiyyaan malee hunnaa fi jabeenna keetiinii miti. Wonti si gufachiisu ka akka gaaraa si afoo dhaabate maruu hin ka'a; Mana Woyyuu deebiftee ijaarta; hennaa ati dhagaa dimdimaataa hulee isaatitti deebiftee dhaabde baniin attam attam bareeda!» jedha'aa laagaa gammachu'uu dhageessisan. Rabbi ammallee akkana naan jedhe, «Harki Zarubaabeelii bu'uura Mana Woyyu'uu dhaabeera; harki isaa ijaaree raawwata; isin hennaa san Waandhi banii maraa ana akka gara keessan na erge hin beettan. Namni guyyaa wonti diqqoon itti hojjatamu tuffate, yoo tumbii dhaaba mana ittiin bikkan harka Zarubaabeeliititti arge hin gammada; baattuun ibsa'aa torban kunniin ija Rabbii ta adunyaa tana maraa argitu» Ani ammallee akkana jedhee isa gaafadhe, «Munni ejersaa ka baattuu ibsa'aa bita'aa fi mirgaan dhaabatan kunniin fakkeenna maali'iiti?» Mukkiin ejersaa lamaan boobaa worqi'ii lamaan ka dhadhaan ejersaa keessaa jigu ladda jiran dameen muka ejersaa lamaan fakkeenna maali'iiti? jedhee gaafadhe. Innillee wonti kunniin maal akka ta'e hin beettuu?» anillee «Gooftaa kiyya hin beeku» jedheen. Innillee, «Kunniin namoota lamaan Rabbi muudee Gooftaa ardii maraa afoo dhaabatanii tajaajilan» naan jedhe. Ani deebi'ee hennaa laalu kitaaba maramee qilleensa irra bararu arge; Maleekkichi «maal arga'aarta?» jedhee na gaafate; anillee «kitaaba maramaa dheerinni isaa meetira kudhaniitii fi badhinni isaa meetira shanii ka qilleensa irra barara'aaru arga'aara» jedheen. Innillee «kitaaba maramaa san keessatti abaarsa biyya marattuu dhufutu irratti barreeffameera; kitaabni maramaan sun gara tokkoon, ‹Hattuun maruu lafa irraa bada ka jedhu yoo ta'u gara biraatiin ammo ‹worri sobaan kakatan maruu hin badan» jedha. Rabbi Gooftaan banii maraa «Ani abaarsa kana hin erga; inni gara mana hattootaatii fi gara worra sobaan maqaa kiyyaan kakata'aa dubbatanii maraa seena; abaarsi sun hennaa mana isaanii seene achi turee manniin isaanii maraa hin diiga jedha» naan jedhe. Maleekkichi ammallee gara kiyya dhufee «wonti dhufa'aaru maal akka ta'e laali» naan jedhe. Anillee «wonti kun maali'i?» jedheen, innillee «wonti kun keeshee cubbuu biyya marattuu ta'a'aaru mudhisu» naan jedhe. Keesheen sun qadaaddoo cilee dhaga'aa irraa hojjatame qaba; uduma ani laalu qadaaddoon isaa irraa ol baname; keeshee san keessa dubartii takkatu taa'eera. Maleekkichi, «Haga Dubartiin tun fakkeenna dhibu'uuti» naan jedheen maayessa dhiibee keeshee keessa gad deebisee qadaaddoo deebisee cufe. Ani hennaa ol jedhee laalu dubartoonni lamaa barara'aa natti dhufan; koolli isaanii akka koola shaallo'oo jaba'a; isaan keeshee san lafaa fuudhanii gara sami'ii ol bararan. Anillee maleekkaa na woliin dubbata'aa tureen «Keeshee eessa fida'aaran?» jedhee gaafadhe. Innillee, «Gara Sanaa'oorii fidanii mana isaa ijaaru'uuf ta'an; manni ijaaramee yoo dhumateen maayessa keeshee achi kaayan» naan jedhe. Mudhata biraa gaariin fardaa afurii gaarran lamaan sibiila diima'aa jiddu'uu hennaa bayan arge. Gaariin jalqabaa faradoo didima'aan harkifama; gaariin lammeesso'oo faradoo gugurra'aan harkifama. Ka sadeesso'oo faradoo adiidi'iin harkifama; ka arfeesso'oo ammo faradoo odole'een harkifama; isaan maruu jajjabaa turan. Ani maleekkaa na woliin dubbata'aa ture saniin «Gooftaa kiyya gaariin fardaa kunniin fakkeenna maali'iiti?» jedhee isa gaafadhe. Innillee, «Kunniin maruu qilleensa kallattii arfaniiti; isaan gooftaa ardii maraa afoo dhaabatanii tajaajilan biraa amma reefuu baya'aaran» naan jedhe. Gaariin fardaa ka faradoo gugurra'aan harkifamu gara biyyoota kaabaa, gaariin fardaa ka faradoo adiidi'iin harkifamu gara dhiya adu'uu, ka faradoo odole'een harkifamu ammo gara kibbaa deema'aa turan. Faradoon jajjabaan hennaa bayan biyyoota tooyatu'uuf ariifata'aa turan; maleekkichi isaaniin «Deema'aa biyya tooyadhaa'a!» jedhe; isaanillee biyya tooyatan. Achiin maayessa maleekkichi Faradoon gara biyyoota kaabaa deeman akka dheekkamsi Rabbii qabbanaayu godhan» jedhee gara kiyya iyye. Rabbi akkana naan jedhe, «Ati meeti'ii fi worqii worri baqatan Eelhaadaayi, Xoobbiya'aa fi Yidaa'iyyaan kennan fuudhii uduu hin turre ammuma qabii gara mana Iyyoosiyaasii ilma Sofoniyaasii deemi; namoonni kunniin maruu worra booji'amanii Baabiloonii dacha'an. Meeti'ii fi worqii isaan kennan irraa gulloo ulfinnaa hojjadhuu mataa Iyyaasuu ilma Iyyooseedeeqii gadicha bulchaa gadootaatitti godhi. Waandhi banii maraa akkana jedha jedhii isatti himi, «Haafni hulema ufiititti waan babadhatuuf namni maqaan damee qaba jedhamee waamamuu kana; inni hulema jirutti biqilee beekkamaa ta'a; inni mana woyyuu Rabbii deebi'ee ijaara. Namni mana woyyummaa Rabbii bulchu isa; inni ulfinna mootumma'aa uffatee teessoo ulfinnaa ufii irra taa'ee bulcha; gadichi tokko teessoo isaa ka ulfinnaa ladda dhaabata; isaan lamaanuu wol ta'anii nagayaan hojjatan» Gulloo ulfinnaa sun mana woyyummaa Rabbii keessatti yaadannoo Heeleem jedhamu Heeldaayii, Xoobbiyaa, Yidaa'iyya'aa fi ulfinna Iyyoosiyaasii ilma Sofoniyaasii ta'ee taa'a» naan jedhe. Hennaa san namoonni fagoo jiraatan hennaa manni woyyumma'aa haarawoomu gargaaru'uuf dhufan, hennaa manni woyyumma'aa haarawoome isin akka Rabbi Gooftaan banii maraa gara keessan na erge beettan; kun maruu ka raawwatamu yoo isin dubbii Rabbii Waaqa keessaniitii garaa guutu'uun ajajamtan. Daariyoos mooyee woggaa arfeesso'oo jiini salgeesso'oo ka Kisluu jedhamu seenee guyyaa arfeesso'ootitti dubbiin Rabbi Zakkaariyaasitti dubbate kana. Worra Beeteeliin keessa jiraatan Saari'etseenii fi Reegemeelekiin namoota isaan woliin jiran woliin gara mana woyyummaa Rabbii isaan ergan; wonti isaan erganiifillee akka eebbi Rabbii bu'u akka kadhataniif. Gadoota mana woyyumma'aatii fi raattota, nu'u haga ammaa waan woggaa hedduuf goone ji'a shaneesso'oo keessa waan diiggama mana woyyu'uu sooma'aa; gadda'aa turruu?» jedha'aa akka gaafataniif ture. Achiin maayessa dubbiin Rabbii ka gara kiyya dhufe kana; Banii biyya maraatii fi gadootaa Isin wonti woggoota torbaatamaa ka lufe ji'a shaneesso'ootii fi ji'a torbeesso'oo keessa sooma'aa gadditaniif na kabajju'uufii? Isin hennaa waa nyaattanii fi waa dhuddan ufuma calla'aafii mitii?» isaaniin jedhi. Yerusaalem hennaa duroomtee baniin isi'ii baay'atu bara gandiin naannaya qachatti'ii jiranitti callaa uduu hin taane hennaa baniin hedduu kutaa gara kibbaatii fi ladda tulloota gara dhiya adu'uu jala jiraatan keessa dubbiin Rabbi raattota duriitiin dubbate kanuma. Rabbi Zakkaariyaasitti akkana jedhee dubbate «Ajanyi ani Rabbi Waandhi banii maraa kenne kana, Isin dhuga'aan murteessaa'a; maruu wolii araaramaa'a; garaa wolii laafaa'a. Dubartoota abbaa worraa hin qabne, worra isinitti galanii jiraatanii fi worra rakkatanii isin keessa jiraatan hin hucuucinaa'a; wol miidhu'uuf hin yaadinaa'a. Isaan garuu kana dhagawuu didanii morkatan; dhagawuu didu'uuf gurra ufii cufatan. Isaan garaa ufii akka dhagaa qarsa'aatitti jabeeffatan; seera ani Waandhi banii maraa raattota duriitii Hafuura kiyyaan isaanii kenne maraa morkatanii dhagawuu didan; kanaafuu ani Waandhi banii maraa dheekkamsa kiyya jabaa isaanitti buuse. Ani hennaa isaanitti dubbadhu, ‹hin caqafnu› waan jedhaniif hennaa isaan na kadhatan deebii isaanii hin deebifne jedha Waandhi banii maraa. Ani akka haboonbolatti'ii haree isaan fuudhee biyya ormaa ka isaan hin beenne keessa akka jiraatan isaan taasisa; biyyi michuun tun ona eennullee keessa hin jiraanne taatee hafte; biyyi bareedduun sunillee ona taate» jedhee itti dubbate. Waandhi banii maraa akkana jedhee natti dubbate; «Ani banii isi'ii waan jaaladhuuf Yerusaalemiin hin gargaara; wonti ani diintota isi'iititti dheekkameef sababa isii jaaldhuuf. Ani isii keessa jiraatu'uuf gara qachaa tiyya woyyittii Yerusaalemii hin deebi'a; isiin qachaa amanamtuu taatee beekkamti; gaarri ani Waandhi banii maraa irra jiraadhu gaara woyyoome jedhamee waamama. Namoonni umurii dheeraa waan jiraataniif jaarsonninii fi jaartoleen bordoo qabatanii deemanii bayima itti bayan ka Yerusaalemiititti deebi'anii taa'an. Karaa isi'ii maraa keessa ijoollee isi'ii ta dhiiraatii fi ta intalaa ta taphattutu deebi'ee guuta. Guyyaa kanniin keessatti worri banii irraa hafan wonti kun waan hin danda'amne yoo fakkaatellee amma wonti naaf dadhabamu hin jiraa? Ani banii kiyya biyya gara baya biiftu'uutii fi dhiya adu'uutitti baqatanii keessa jiraatan keessaa isaan oolcha. Ani deebisee isaan fidee akka Yerusaalemiin keessa jiraatan isaan taasisa; isaan banii kiyya ta'an; anillee dhuga'aa fi qajeellumma'aan Waaqa isaanii ta'a. Isin worri dubbii raattonni waan manni woyyummaa Rabbii akka deebi'ee ijaaramuuf bu'uurri buufame dhageettan hin sodaatinaa'a; jabaadhaa'a. Guyyaa sanniiniin dura namoota gatii dadhabbii isaanii, hori'iifillee gatiin hin kennamu ture; isaan namoonni maruu ollaa ufiititti akka diinumma'aan ka'an waan godheef namni maruu hennaa baya'aa galan nagaya hin qaban. Amma garuu worra banii kana irraa hafan akka durii san isaan irratti hin godhu. Isaan midhaan ufii nagayaan facaafatanii ka gaye wolitti qabatan; biqiltuuwwan isaaniillee hin daraaran; roobni gayaan waan roobuuf lafti midhaan gayaa kenniti; ani banii baqa irraa hafe eebba kana mara kennaaf. Isin banii Yihuuda'aatii fi banii Israa'elii ka banii biraa biratti akka worra abaarsaatitti isin laalan! ani isin oolcha; worra eebbaaf ta'u isin taasisa; kanaafuu hin sodaatinaa'a! jabaadhaa'a» jedhee natti dubbate. Waan kana ana Waaqa banii maraatitu dubbate; hennaa abboonni teessan ta durii na aarsan uduu garaa isinii hin laafne isin adabu'uuf murteesse. Ani banii Yerusaalemiitii fi banii Yihuuda'aatii waan mishaa godhu'uuf waan murteesseef jabaadhaa'a; hin sodaatinaa'a. Wonti godhuu isin barbaachisu kana; isin dhugaa wolitti dubbadhaa'a; abboota murti'ii teessan afo'otti murtii dhuga'aa ka nagaya fidu murteessaa'a. Isin wol miidhu'uuf dhara wolitti hin yaadinaa'a; sobaan hin kakatinaa'a; ani waan kana maraa hin jibba» jedha Rabbi. Waandhi banii maraa akkana naan jedhe, «Soomni isin ji'a arfeesso'oo, shaneesso'oo, torbeesso'ootii fi kudhaneesso'ootitti eega'aa turtan maruu banii Yihuuda'aatii ayyaana qanani'iitii fi ayyaana gammachu'uu isaanii ta'a; isin garuu dhuga'aa fi nagaya jaaladhaa'a» Waandhi banii maraa akkana jedha, «Hennaan banii biraatii fi namoonni qachoota hedduu keessa jiraatan gara Yerusaalemii hurrisan hin dhufa. Worri qachaa tokko keessa jiraatan gara qachaa biraa deemanii ‹koottaa'a!› Waaqa banii maraa arjummaa kadhannaa; nullee achi dhaquu hin oolluu!» isaaniin jedhan. Akkaataa kanaan Rabbi Gooftaan banii maraatii sagadu'uuf, eebba isa irraa argatu'uuf, kadhatu'uuf namoonni hedduu fi baniin gugurdaan gara Yerusaalemii dhufan. Guyyoota sanniin keessa namoonni kudhanii ka biyya biraa gara nama Yihuudi'ii tokko dhiyaatanii qaccee handaara uffata isaa qabatanii ‹Akka Rabbi isin woliin jiru waan dhageenneef isin woliin deemna› jedhaniin» jedha. Ijji namootaatii fi ka gosa Israa'elii maruu gara Rabbii laalti; kanaafuu Rabbi qachoota Hadiraakiitii fi qachoota Damaasqo'ootitti hin murteessa. Dubbiin murti'ii kun lafa Hamaatii daangaa Hadraakii jirtu worra qachoota Xiroosiitii fi Siidonaa keessa jiraatan ka ogummaa hedduu qaban irrallee hin gaya. Xiroos kushee ufiin eeddu heddu qopheeffatteerti; meeti'ii fi worqii akka daara'aatii fi akka biyye'ee baay'atu kuufatteerti. Ammo wonti isiin wolitti qabatte maruu isii irraa fudhatama; qabeenna isi'ii galaanatti jalaa gata; qachattiinillee ibiddaan gubattee daaraa taati. Qachaan Asqaloona'aa kana argitee sodaatti; qachaan Gaaza'aallee kana argitee guddiftee raafamti; Eeqiroonillee akkasuma abdii kutattti; Gaazaan mootii ufii dhabdi; Asqaloonaan lafa onaa taatee hafti. Ashdoodiin keessa namni wolitti makamee jiraata; Rabbi akkana jedha, «Ani worra Filisxeemii ka uf jaju kanniin hin salphisa. Isaan ammaa achi foon dheedhii dhiiga qabu yookaan nyaata dhooggame kamiinuu hin nyaatan; worri isaan irraa hafe banii kiyyatti makame gosa Yihuuda'aa woliin tokko ta'an; baniin Eeqaroonii akkuma banii Iyyaabusii akkasuma banii kaawwaniin wolitti makaman. Achiin maayessa ani naannaya biyya kiyyaa marsee eega; hunna loltoota waa marsanii keessa lufanii hin taatu; baniin kiyya hagam akka rakkate waan argeef ammaa achi worri isii rakkisu isii hin qabatan.» Tsiyoon! gammadi! Yerusaalem! gammachu'uun ililfadhu! amma kunoo mootichi kee gara laafessa ta'ee, harrattii jechuun ilmoo harre'ee yaabbatee moote'een gara kee dhufa. Rabbi akkana jedha, «Ani gaarii fardaa Israa'eliin keessaa, faradoo lolaa Yerusaalemiin keessaa hin balleessa; buundhee lolaa hin caccabsa; mootichi kee akka banii keessa nageenni jiraatu godha; bulchiinsi isaa galaanaa haga galaanaatii fi laga gudda'aa jalqabee haga qaccee lafaa ta'a. Ani waan ciincaa dhiigaatiin si woliin waadaa galeef boolla bisaan hin jirre keessaa worra kee ka hidhaman bilisa baasa. Isin worri booji'amtan ka abdii qabdan! ani adha waan qara qabdan caalaa waan abdii isinii kennuuf hulee keessanitti deebi'aa'a. Yihuudaa akka buundhe'eetitti Israa'eliin ammo akka ebo'ootitti itti fayyadama; Ani ijoollee biyya Giriikii woraanu'uuf ijoollee Tsiyyoonii ta dhiiraa akka guraade'ee godhee isaan erga» jedhe. Rabbi banii caalaa mudhata; buundheewwan isaa akka bakakka'aatitti darbaman; Rabbi Waandhi laagaa xurumba'aa dhageessisa; akka haboonbolattii kibbaa dhufuutitti lufa. Rabbi Gooftaan banii maraa banii irraa ittisa; isaanillee diintota ufii hin fixan; furaanfurrisa diinni dhaga'aan darbatullee irra deeman; akka nama daadhii woyini'ii dhugee machaayeetitti wocan; dhiinni diintota isaanii akka dhiiga ciinca'aaf dhiyaatuu ka gabatee guutee irra jiguutitti jiga. Yoo guyyaan sun gaye akkuma tisseen hoolota balaa jalaa hambisu akkasuma Rabbi Waandhi isaanii banii ufii hin oolcha; akkuma meeshaan faayaa ka gulloo irra jiru ifuu, akkasuma isaanillee ardii Rabbii irratti hin ifan. Mishummaanii fi bareeddinni ardi'ii akkam ka nama maalalchiisu ta'a! midhaanii fi daadhiin woyini'ii ka isii keessatti argamu ka'imman dhiiraatii fi intalaa hin qananiisa. Isin akka Rabbi rooba badheessaa isinii roobu kadhadhaa'a; duumessa rooba baate Rabbitu erga; roobaa fi biqiltuu raasa'aa maraa ka kennu isa. Waaqoleen tolfamaan waan bu'aa hin qabne dubbatan; worri moran mudhata sobaa argan; eebjuu sobaa ta sobaa argan; eebjuu sobaa dubbatan; kanaafuu baniin akka hoolota tissee hin qabnee raantayan; jajjabeenni isaanii duwwa'a; duwwama nama jajjabeessan. Rabbi akkana jedha, «Dheekkamsi kiyya jabaan bulchoota banii kiyyaa irratti bu'a; ani Waandhi banii maraa waan banii kiyya Yihuudaa eeguuf bulchoota isaanii hin adaba; banii Yihuuda'aa akka farda kiyya arreedaa lolaa isaan taasisa. Banii Yihuuda'aa keessaa akka dhagaa dhaaba manaa akka xiribbaa daase'ee, bulchoota akka buundhee lolaatii fi worra loltoota ajajantu baya. Baniin Yihuuda'aa diintota ufii akka loltoota jajjabaa dhiitanii dhoqqee kara'aatiin wolitti makanii ta'an; Rabbi waan isaan woliin jiruuf jabaatanii lolanii worra fardaan lolanillee uduu hin hambifne maraa mooyatan. Ani banii Yihuuda'aa hin jabeessa; banii Israa'eliillee hin oolcha; waan isaanii garaalaafuuf isaan maraa gara biyya isaanii isaan deebisa isaan akka ani armaan dura isaan gatee hin beenne ta'an; Ani Rabbi Waaqa isaanii waan ta'eef kadhaa isaanii hin dhagaya. Baniin Israa'elii akka loltoota jajjaba'aa ta'an; akka nama daadhii woyini'ii dhugeetitti gammadan; ijoolleen isaaniillee mootee kana qaabata'aa gammadan; Rabbiinillee hin burraaqan. Ani banii kiyya waamee wolitti isaan qaba; isaan oolchalle'e; akkuma armaan duraatitti isaan baay'isa. Ani uduu banii keessallee isaan bittinneessee biyya fago'oo ka keessa jiraatan keessa taa'anii na qaabatan; isaanii fi ijoolleen isaanii hafanii gara biyya ufii deebi'an. Ani biyya Misiriitii isaan deebisa; biyya Asoorii keessaallee wolitti isaan qaba; haga lafti isaan hanqattutti Gala'aadii fi Libaanosiin keessattillee akka quphatan isaan taasisa. Hennaa galaana rakkinnaa keessa lufan; ani Rabbi dambalii dhaya; lanni Abbaayii guddaan sunillee hin goga; biyyi Asoorii ta uf jajjullee hin salphatti; biyyi Misiriillee ulee mootummaa ufii hin dhabdi. Ani Waandhi isaanii isaan jabeessa; isaanillee dubbii kiyyaa hin ajajaman» ka waan kana dubbate ana Rabbi. Yaa Libaanoos! akka ibiddi mukkiin kee gubu balballan kee bani! Mukkiin Libaanoosii waan kufaniif isin mukkiin birbirsaa; «banne!» jedha'aa booyaa'a; mukkiin gaachena qaban maruu badaniiran; bosonni jaamaan waan cirameef isin qilxuuwwan baasaanii «banne!» jedha'aa booyaa'a. Worra tisse'ee jalaa margi lalisaan waan badeef hennaa isaan «banne!» jedha'aa booyan caqasaa'a; waan bosonni laga Yoordaanosii bira jiru badeef Leencan hennaa gadda'aa aadan caqasaa'a. Rabbi Waandhi kiyya akkana naan jedhe, «Mee ati tika hoolotaa ka qalmaaf qophaayan bobbaasi. Namoonni hoolota bitatan hoolota sanniin qalani'iif hin adabaman; namoonni gurguratanillee galanni Rabbiin haa gawu duroomneerra jedhan; worri tisse'eetuu garaa isaanii hin laafu naan jedhe. Rabbi akkana jedha, «Ani ammaa achi nama lafa irra jiraatuu womaa garaa hin laafu; ani nama maraa olla'aa fi mootii isaatitti dabarsee kenna; isaan lafa balleessan; anillee isaan jalaa isaan hin oolchu» jedha. Ani worra hoolota bita'aa gurguraniif gati'iin tissee hoolota qalmaaf qophaayanii ta'e; hennaa hoolota tissu'uuf baye ulee lama harkatti qabadhe; ulee tokko «jaalatamaa'a» jedhee waame; ulee kaan ammo «tokkummaa'a» jedhee waame. Tisseen sadiinuu waan na aarsanii na jibbaniif ji'a tokko keessatti isaan balleesse. Achiin maayessa ani tika hoolotaatiin, «ani ammaa achi tissee keessan hin ta'u; ka du'u haa du'uu; ka bade haa baduu; worri hafanillee ufumaa wol fixanii haa dhumanii» isaaniin jedhe. Ani kanatti aansee ulee jaalatamaa jedhame fuudhee cabse; ani hennaa waan kana godhu waadaan ani Rabbiin woliin gale akka cite mudhisu'uuf. Akkaataa kanaan waadaan guyyama san diiggame, daldaltoonni hoolotaa ka hennaa ani waan kana godhu na laala'aa turan wonti kun akka dubbii Rabbii ta'e beekan. Ani isaaniin «Yoo fedha keessan ta'e mindaa kiyya naa kennaa'a; yoo fedha keessan hin taane dhiisaa'a» isaaniin jedhe isaanillee gatii dadhabbii hujii kiyyaa birrii soddomaa naa kennan. Rabbillee «Saanduuqa birrii keessa kaayan ka mana woyyumma'aa keessa buusi» naan jedhe; kanaafuu ani birrii soddomaa ka isaan mindaa gaya'a jedhanii naa kennan san fuudhee ottee namicha faara dhawuu keessa buuse. Achiin maayessa ulee Tokkummaa'a jedhame ka lammeesso'oo san fuudhee cabse; wonti ani waan kana godheef obbolummaan Yihuuda'aatii fi Israa'eliin jidduu jiru akka bade mudhisu'uuf. Rabbi kanatti aansee akkana naan jedhe, «Ati ammallee akka tissee bu'aa hin qabneetitti uf laali. Ani amma biyyatti'ii tissee tokko ka banii kiyya eegu kaasa; inni waan kana godhuu caalaa worra badanii hin yaadu; worra badan hin soqu; worra hokkolan hin fayyisu; worra fayyaa qaban hin nyaachisu; inni waan kana godhuu caalaa ka furdate qala'aa nyaata; koroony'oo isaanii hin mummura. Tisseen hoolota ufii ganu ka bu'aa hin qabne ka akkanaa kanaa hobbaasi! irreenii fi ijji isaa ka mirgaa guraade'een haa dhayamu; irreen isaa sirima haa gogu; ijji isaa ka mirgaa sirima haa badu» naan jedhe. Ka samii badhise; ka ardii diriirse; ka namaa hafuura jireennaa kenne. Rabbi waan Israa'eliitiif Yerusaalemiin banii naannaya isi'ii jiranii mijuu daadhii woyini'ii dhuganii nama gatantarsuu isii gatantarsuu isii taasisa; isaan hennaa Yerusaalemiin qabatan qachoonni hafan ka Yihuuda'aallee hin marfaman. Guyyaa san ani Yerusaalemiin worra Yihuudota hin taane maraaf akka dhagaa gudda'aa isii taasisa; namni isii dhiibuu badadu maruu ufumaa miidhama; baniin adunyaa irra jiran maruu isii miidhu'uuf wolii galanii dhufan; Ani hennaa san faradoo isaanii sodaachisee hucuuca; worra faradoo yaabbatan hin maraacha; faradoo diintota isaanii hin jaamsa; banii Yihuuda'aa ammo ija kiyyaan laala'aa isaan eega. Hennaa san bulchoonni Yihuuda'aa garaa ufii keessatti «Rabbi Gooftaan banii maraa Waaqa isaanii waan ta'eef baniin isaa ka Yerusaalemiin keessa jiraatan isaan hunna argatan» jedhan. Ani hennaa san bulchoota banii Yihuuda'aa akka qoraan girgiraa irratti tuulamee bobawuu, akka shawaa qixiraa midhaanii jiddu'utti qabatee isaan taasisa; isaan banii naannaya isaanii jiran maraa hin fixan; baniin Yerusaalemii ammo uduu wonti tokkollee isaanitti hin gale qachattii keessa nagayaan jiraatan. Ani Rabbi jalqaba gosa Yihuuda'aatii mootee kenna; ani wonti waan kana godhuuf ulfinni ijoollee Daawitiitii fi ulfinni worra Yerusaalemiin keessa jiraatanii worra kaawwan ka Yihuudaa keessatti dhalatanii akka hin caalleef. Ani Rabbi hennaa san worra Yerusaalemiin keessa jiraatanii akka wonte'eetitti waa isaan irraa dhoogga; namni isaan keessaa ka guddisee dadhaba'a jedhamuu akkuma Daawitii jabaa ta'a; ijoolleen Daawitii akka ana Rabbiititti yookaan akka maleekka'aatitti banii masakkan. Ani hennaa san mootota worra Yihuudii hin taanee ka Yerusaalemiin irratti diinumma'aan ka'an balleessu'uuf ka'a. Ani hennaa san fiixaa Daawitiitii fi worra Yerusaalemiin keessa jiraatanitti hafuura gara laafumma'aatii fi hafuura faate'eetiin isaan guuta; ani wonti waan kana godhuuf akkuma ilma tokkochaaf yookaan ilma hangafaatii booyan akkasuma isaanillee nama ufii woraananiif akka guddisanii booyaniif. Hennaa san bootti Yerusaalemitti dhagayamu akka booya Adirmoonii raasaa Meegidooniititti isaa booyaniititti ta'a. Biyyattii keessatti gofti maatii maraatuu maatima ufiitii booya; haawwonni manaa isaaniillee ufii booyan; akkaataa kanaan maatiin Daawitii haawwotuma manaa ufii woliin, maatiin Naataanii haawwotuma manaa ufii woliin. Maatiin Leewwi'ii haawwotuma manaa ufii woliin, maatiin Shimi'iillee gosuma ufii woliin wolii booyan. Worri hafan maatumma'aan wol qoodanii booyan; haawwonni manaa isaanii hojjuma ufii fooyamanii gadda'aa booyan» jedha. Waandhi banii maraa akkana jedha, «Hennaa san burqaan cubbuu fi battummaa ijoollee Daawitiitii fi worra Yerusaalemiin keessa jiraatan qulqulleessu hin burqa. Ani hennaa san maqaa waaqolee tolfama'aa lafa irraa balleessa; ka deebi'ee isaan qaabatu hin jiru; waaqolee tolfamaa raattotaatii fi hafuurran battii hin balleessa; Yoo namni kamuu ani raatticha jedhee ka'e abbaan isa uumatee fi haati isa deette maqaan Rabbiitiin waan soba dubbatteef du'uu si barbaachisa jedhaniin; uduma inni raaga dubbatu maatiin isaa woraananii isa ajjeesan. Hennaa san namni kamuu ka ani raatticha ufiin jedhu mudhata raagaa ka ufii arga'aarutti hin saalfata; inni nama gowwoomsu'uuf uffata rifeensa qabu uffatee namatti hin mudhatu. Inni «ani nama qonnaan bulu malee raattichaa miti; ani ka'imummaa kiyya irraa jalqabee lafa qonnaa qaba» jedha. Namni tokko yoo «Eeganaa madaan si irra jiru kun maali'i? jedhee isa gaafate madaa mana jaalalloo kiyyaatitti madaaye jedhee deebisaaf» jedha. Waandhi banii maraa akkana jedha, «Yaa guraadee'e! ati tissee kiyya ka naan wolii galutti ka'i! akka hoolonni bittinnaayan tissee dhayi! anillee didiqqaa irratti harka kiyya hiixadhaa. Banii biyyaa keessaa sadihii keessaa harka lamaa dhayanii ajjeesan; ta'ullee harka sadihii keessaa tokko hin hafa. Isaanillee ibiddatti isaan gata; akkuma birriin ibiddaan qulqullaawu ani isaan qulqulleessa; akkuma worqiin ibiddaan qoramu isaan qora; achiin maayessa isaan na kadhatan; anillee isaanii deebisa; ani «Banii kiyya» jedhee isaan waama; isaanillee ‹Rabbi Waaqa keenna› jedhanii na waaman» jedha. Guyyaan murtii Rabbii gayeera; hennaa san uduu ijji teessan argitu saamtonni waan isin irraa fudhatan qoodaman. Yerusaalemiin akka woraanan Rabbi banii wolitti qabee fida; qachattiin hin qabamti; manniin hin saamaman; dubartoota hunnaan qabanii gudeedan; banii keessaa wodhakkaa booji'anii fudhatan; worri hafan ammo qachattii keessaa hin bayan. Achiin maayessa Rabbi akkuma hennaa lolaa lolu bani'iin lolu'uuf ka'a. Guyyaa san Rabbi gaara Ejersaa ka Yerusaalemiin gara baya biiftu'uutiin jiru irra dhaabata; gaarri Ejersaa baya biiftu'uutii haga dhiya adu'uu hulee lamatti qoodamee dhooqa badhaa ta'a; kanaafuu wodhakkaan gaaraa gara kaabaa, wodhakkaan hafe ammo gara kibbaatiin achi fagaata. Isin gaara hulee lamatti qoodamee haga Atsaalii gaye dhooqa kana keessa dheessitanii baatan; bara Ooziyaan Yihuudaa irratti mooyee lafti sochoote akkuma abboonni teessan ta durii itti dheessanitti dheessitan; Rabbi Waandhi kiyya woyyoota hiriirsee dhufa. Bara san qorrinii fi hurriin dukkanaa sirima hin jiraatu. Guyyaan Rabbiin biratti beekkame tokko wol faana dhufa; halkan waan ifti ifuuf halkanii fi guyyaan hin jiru. Guyyaa san Yerusaalemiin keessaa bisaan jireennaatitu burqa; wodhakkaan bisaan sanii gara baya biiftu'uutiin gara galaana du'aa; wodhakkaan isaa ammo gara dhiya adu'uutiin gara galaana Meditiraaniyaanii yaa'a; bonaa fi ganna woggaa guutuu yaa'a'aa jiraata. Hennaa san Rabbi adunyaa maraa irratti mooya; namoonnillee Waandhi akka isa callaa ta'e amanan; maqama isaa callaa waaman. Godinni Gibi'a'aa gara kaabaatii jalqabee Yerusaalemiin gara kibbaatiin lufee haga Rimoonii jiru lafa diriiraa ta'a; Yerusaalem lafa naannoo isi'ii jiru caalaa ol jetti; qachattiinillee balbala Biiniyaamiitii jalqabee kolba balbala duraaniitii haga balbala dhaaba manaa; akkasuma dallawa dhaga'aa ka Hanaani'eeliitii jalqabee haga hulee woyinii itti cuunfan ka mana mootumma'aa ol jettee jabaattee jiraatti. Yerusaalem ta baniin keessa jiraattu taati; ammaa achi badiin isii irra hin gawu; baniin isi'ii sodaa malee nagayaan jiraata. Banii Yerusaalemiin woraanu'uuf ka'an irratti Rabbi dhukkuba nama fixu isaanitti fida; isaan uduu lubbu'uun jiran foon isaanii shama; ijji isaanii moora isaanii keessatti, arrabni isaanii afaan isaanii keessatti shama. Hennaa san Rabbi raafamaa fi sodaa waan isaanitti gad dhiisuuf namni maruu nama isa bira jiru qabee balaa itti buusa. Namoonni Yihuuda'aa Yerusaalemiin uf irraa dhooggu'uuf lolan; qabeenna mootota naannaya isaanii jiran maraa booji'anii fudhatan; worqii'i, birri'ii fi uffata hedduu booji'anii fudhatan. Dhukkubni hamaan akkasii busaawaa, faradoo, gaangiiwwan, gaallanii fi harriin diintota naannoo isaanii jiran maraa irratti dhufa. Achiin maayessa mootota Yerusaalemiin woraanan keessaa worri badii irraa hafan Waaqa mootii banii maraatii sagadu'uu fi ayyaana daase'ee kabajju'uuf wogga wogga'aan gara Yerusaalemii bayan. Baniin Waaqa mootii banii maraatii hin saganne yoo jiraatan lafa isaaniititti roobni hin roobu. Worri Misiriillee ayyaana kabajju'uuf gara Yerusaalemii dhaqanii yoo Rabbiin afoo dhiyaachuu didan mootota nu'u gara Yerusaalemii ol baanee ayyaana daase'ee hin kabajjinu jedhan irratti dhukkubni nama fixu hin dhufa. Worri biyya Misiriitii fi mootonni biraa yoo ayyaana daase'ee hin kabajjinu jedhan adabbiin isaan irra gawu kana. Hennaa san malkata barreeffamaa bilbila qillisu ka morma faradoo maraa irra jiru irratti «ka Rabbiif fooyame» jedhutu barreeffama; otteen waa itti affeelan ka mana woyyumma'aa keessa jiru akka gabatee hulee ciinca'aa jiruutitti woyyooma. Otteen biyya Yerusaalemiitii fi biyya Yihuuda'aa keessatti argaman maruu ka Waaqa banii maraatii fooyame ta'a; namoonni ciincaa dhiyeessan maruu ottiin sanniinitti foon ciinca'aa diqqoo affeelan; hennaa san namni mana woyyuu Rabbii Gooftaa banii maraa keessatti daldalu hin argamu. Dubbiin raagaa ka Rabbi Milkiyaasii raattichaan banii Israa'eliititti dubbate kana. Rabbi bani'iin, «Ani isin jaaladheera» jedha; isin ammo «Attamitti nu jaalatte?» jettan; Rabbi, «Eesawuu fi Yaaqoob obboleeyyan; ani ammo Yaaqoobiin jaaladhe; Eesawuu ammo hin jibbe; biyya Eesawuu'u ka gaarranii gara lafa onaatitti jijjiire; lafa isaa ta jeedallan keessa burraaxxu godhe» jedhee deebisa. Uduu worri Edoomota jedhaman horteen Eesawu'uu qachoonni teenna diiggamaniiran; haa ta'uu ammo deebifnee ijaarra jedhanii Waandhi banii maraa ammo isaan hin ijaaran; ani ammo hin diiga baniin maruu biyyattii biyya hammeennaa worra isii keessa jiraatan «Banii Rabbi baraa haga bara baraa lole jedhanii isaan waaman» jedha. Isin waan kana maraa ija teessaniin argitanii Rabbi biyya Israa'eliitiin achittuu jaba'a! jettan. Waandhi banii maraa gadootaan akkana jedha, «Ilmi abbaa ufii, hojjataan gooftaa ufii hin kabajja; eega ani abbaa keessan ta'e maaf na hin kabajjine ree? eega Gooftaa keessan ta'e maaf ulfinna naa hin kennine ree? isin maqaa kiyya tuffattaniirtan; garuu maqaa kee attamitti tuffanne? jettanii gaafattan. Midhaan battaaye hulee ciinca'aa kiyya irra kaaya'aa, «Hulee ciinca'aa kee attamitti batteessine?» jettanii gaafattan; akki isin itti batteessitan gabateen kiyya waan keessan kanaan hin tuffatama jettanii waan yaaddaniif. Isin amma horii ballaa, dhibama'aa fi ka hokkolu hennaa ciinca'aaf dhiyeessitan waan yakka raawwattan isinitti hin fakkaatuu? horii akkanaa kanniin bulchaa keessanii uduu kennaa dhiyeessitanii inni waan gammadee isin irraa fudhatuu fi waan isin galatoonfatu isinitti fakkaataa?» jedha Waandhi banii maraa. Isin gadoonni! haga waan kana maraa gootaniin maayessa Rabbiin uduu arjummaa kadhattanii inni waan kadhaa keessan isin irraa fudhatu seetanii? waan kanaanillee dogoggorri keessan jedha Waandhi banii maraa Waandhi banii maraa hulee ciinca'aa kiyya irratti ka ibidda duwwaa itti bobeessitanii mannaa maal isin keessaa namni balbala mana woyyu'uu cufu tokko uduu argame! ani waan isinitti hin gammanneef kennaa isin naa dhiyeessitan hin fudhadhu. Baniin adunyaa irra jiru maruu qacce'ee haga qacce'ee ulfinna naa kennan hulee kamittuu hixaana aarsa'aa ciincaa qulqulluu naa dhiyeessan; baniin maruu na kabajja. Isin ammo hennaa huleen ciinca'aa ka Rabbii battaaya'a jettanii ciincaa tuffatamaa dhiyeessitan hin batteessitan. Isin amma balda'aa ‹kun maruu attamitti nama hifachiisa!› jettan; horii hafan ka hokkolu, ka dhibame ciinca'aaf dhiyeessitan; ani waan kana isin irraa fudhadhu seetanii? Ani mootii gudda'a; maqaan kiyyallee banii biratti ka kabajjame waan ta'eef namni hoolota ufii keessaa uduu korbeessa hoola'aa qabu waan woreega qabatee korbeessa mudaa qabu ciincaa naa dhiyeessu inni ka abaarame!» jedha Waandhi banii maraa. Rabbi gadootaan akkana jedha, «Gadoota nana! ajanyi kun ammallee keessanuma. Yoo na dhagayuu diddan, maqaa kiyyaafillee ulfinna kennu'uuf yoo dubbii kiyya garaa keessanitti qabatuu diddan, ani abaarsa isinitti erga; eebba keessanillee gara abaarsaatitti jijjiira; ana kabajjuun waan isin keessa hin jirreef ani dhugamaan waan kana maraa isin irratti raawwadha. Sababaa keessaniif ijoollee teessan hin adaba; dhoqqee horii isin ciinca'aaf naa dhiyeessitanii fuudhee fuula keessanitti facaasa; afoo kiyyaallee isin balleessa. Waadaan ani Leewwi'ii fi worra isa woliin dhalatan woliin gale akka jabaatee jiraatu ajaja kana akka ani isinii erge hin beettan. Waadaan ani isaanii gale waadaa nagayaatii fi ka jireennaati; akkasuma isaan ana kabajjuun giddi'i; isaan ana sodaata'aa maqaa kiyya kabajja'aa jiraataniiran. Isaan dhugaa barsiisan; arraba isaanii irra sobni hin jiru; isaan na woliin fayyaalumma'aan jiraataniiran; isaan namoota baay'ee barsiisanii badii irraa deebisaniiran. Gadichi ergamaa Waaqa banii maraa waan ta'eef, baniinillee waan beekkumsa isa irraa barbaadaniif arrabni gadichaa beekkumsaan dubbatuu barbaachisa. Isin ammo karaa keessan gad dhiiftanii barumsa keessaniin namoota baay'ee gufachiiftaniirtan; waadaa ani Leewwii woliin galellee diiddaniirtan. Isin seera kiyya duukaa bu'uu dhiiftanii waan seeraa irratti dalamtanii waan raawwataniif ani ammo akka isin banii maraa afo'otti tuffatamtanii fi salphattan isin taasisa.» Nu maruu abbaa tokko qabnaa mii? ka nu uume Waaqa tokkoomii? eeganaa nu maaf waadaa abboota teenna ta durii diinnee worra hin amanamne taana? Baniin Yihuuda'aa worra hin amanamne ta'aniiran; isaan Israa'elii fi Yerusaalemiin keessatti hujii battii nama jibbisiisu raawwataniiran; sababaan wonti kun ta'eef Yihuudaan dubartoota ormaa ta waaqolee tolfamaa waaqeffatan fuudhee mana woyyumma'aa ka Rabbi jaalatu waan batteesseef. Namni waan akkanaa kana godhu yoo Waaqa banii maraatii ciincaa dhiyeesse Rabbi banii Israa'elii keessaa isa haa balleessu. Isin akkana gootan; Rabbi ciincaa keessan waan hin fudhanneef hulee ciincaa Rabbii imimmaan booyichaa fi gaddaan dhossitan. Isin, «Inni maaf ciincaa keenna hin fudhanne?» jettanii gaafattan; wonti Rabbi ciincaa keessan fudhatuu diduuf haawwota manaa teessan ta ganamaa amanamummaa waadaa hennaa jaalalaa waan diiddaniif; Rabbi jidduu keessanitti ragaa keessan ture. Eeganaa Rabbi isinii fi haawwota manaa teessan qaama tokkoo fi akka yaada tokko qabaattan godhee hin turree? waan kana keessatti yaanni isaa maal ture? kaayoon isaa guddaan ijoollee banii Rabbii ta'an akka uumattan barbaadeeti; kanaafuu isin keessaa namni maruu waadaa haadha manaatii gale hin diigin. «Ani wol hiikuu abbaa manaatii fi haadha manaa hin jibba; nama akka nama uffata uffateetitti uf dhossu nama hujii dharaatiin uf dhossu hin jibba; kanaafuu amanamuu dhabuu keessan irraa uf eegaa'a» jedha Rabbi Waandhi Israa'elii. Isin dubbii keessaniin Rabbiin hifachiiftaniirtan; isin, «Maali'iin isa hifachiifne?» jettan; wonti isin isa hifachiiftaniin waan isin «Namni hamaa hojjatu maruu Rabbiin biratti misha'a; Rabbiinillee hin gammachiisa jedha'aa yookaan Waandhi haqaa eessa jira?» waan jettanii gaafattaniif. Waandhi banii maraa akkana jedha, «Ani karaa kiyya akka qopheessu ergamaa kiyya hin erga; gooftaan isin barbaaddan dimmaa gara mana woyyumma'aa dhufa; ergamaan waada'aa ka isin itti gammaddan dhugamaan hin dhufa» Ammo inni akka meeshaa sibiilaan bassanii ibiddaa fi akka saamunaa uffataan miicanii waan ta'eef namni guyyaa inni dhufu jabaatee dhaabatuu danda'uu fi guyyaa inni mudhatu ka isa afoo dhaabatuu danda'u eennu? Inni akka nama sibiila bassuutii fi akka nama birrii ibiddaan bassuu murtii murteessan qulqulleessu'uuf teessoo murti'ii irra taa'a; inni ijoollee Leewwi'ii haga isaan ciincaa qajeellumma'aa dhiyeessuu danda'anitti akka worqi'iitii fi akka birri'iititti isaan qulqulleessa. Ciincaan baniin Yihuuda'aatii fi baniin Yerusaalemii dhiyeessan akka barootaa fi woggoota lufaniititti ka Rabbiin gammachiisu ta'a. Waandhi banii maraa akkana jedha, «Ani murti'iif gara keessan dhiyaadha; ani namoota asmaa kataban, worra seebaran, worra sobaan rageessan, worra hojjattoota guyya'aa jalaa mindaa isaanii sobanii jalaa hambisan, worra dubartoota abbaan worraa jalaa du'anii, worra ijoollee abba'aa fi haadha hin qabne worra worra baqatan gad qabanii fi worra ana hin sodaanne irratti ariiti'iin isaanitti murteessa.» «Ani Rabbi hin jijjiiramu; kanaafuu isin ijoollee Israa'elii! isin sirima hin banne. Bara abboota teessan ta durii irraa jalqabee seera kiyya irra fagaattaniirtan; hin eennelle'e; gara kiyya deebi'aa'a; anillee gara keessan deebi'aa; isin ammo ‹attamitti gara kee deebina?› jettan. Namni qabeenna Rabbii saamaa? ta'ullee isin na saamtaniirtan; isin ammo ‹attamitti si saamna?› jettanii gaafattan; wonti isin na saamtan, kennaa kudhan keessaa tokkoo fi kennaa hiyyeeyyi'ii kennan kennuu diddaniitii. Isinii fi baniin maruu waan ana saamtaniif worra abaarame taataniirtan. Akka mana kiyya woyyuu keessa eebbi baay'atu kennaa kudhan keessaa tokko maraa gootaraa kiyyatti galchaa'a; isin waan kana yoo gootan, ani ammo foddaa sami'ii banee yoo eebba mishaa maraa guddisee isinii kennuu baadhe kanaan na qoruu hin dandeettan. Ani akka midhaan keessan raammoon hin nyaanne dhoogga; biqiltuun woyini'ii keessan daraaraa malee hin hafu. Achiin maayessa baniin maruu isiniin banii eebbifame jedhanii isin waaman» ka waan kana dubbate ana Waaqa banii maraati. Rabbi akkana jedha, «Isin uggiiti'iin dubbii natti dubbattan; deebitanii ammo, ‹nu'u waan hamaa maal sitti dubbanne?› jettanii gaafattan. Isin ‹Rabbiin tajaajiluun duwwa'a; ajaja isaa eegu'uu fi akka worra gaddanii Waaqa banii maraa afoo deddeebi'uun maal nu fayyada? Nu amma akka arga'aarrutti worri waan hamaa hojjatan hiree qaban; dhugamaan isaan qanani'iin jiraatan; isaan Rabbiinuu qora'aa rakkoon isaan irra hin gawu› jedha'aa dubbattan.» Achiin maayessa namoonni Rabbiin kabajjan woliin mari'atan; Rabbillee seeraan isaanii caqase; yaadannoon namoota Rabbiin sodaataniitii fi maqaa isaa kabajjanii kitaaba keessatti barreeffame. Waandhi banii maraa akkana jedha, «Isaan kiyya ta'an; guyyaa ani hojjadhu isaan kiyya ta'an; akkuma maatiin ijoollee ufiitii garaa laafu anillee akkasuma worra naa ajajamanii garaa laafa. Isin hennaa san garaa garummaa nama qajeela'aatii fi nama cubbama'aa, nama Rabbii ajajamuu fi hin ajajamne jidduu jiru ammallee deebitanii argitan.» Waandhi banii maraa akkana jedha, «Guyyaan worri uf jajanii fi worri waan hamaa hojjatan akka bura'aatitti gubatan dhufa'aara; guyyaan dhufu sun hiddaa fi haafa isaanii maraa uduu hin hambifne guba. Isin worra maqaa kiyya kabajjitaniif ammo aduu balchumma'aatitu baya; isin fayyisa; akka waatiyyoo gollo'oo gad hiikaniititti burraaxxan. Guyyaan ani waan kana godhu worri hammeeyyiin kophee miila keessanii jalatti akka daara'aatitti dhidhiitaman. «Isin seeraa fi ajaja kiyyaa ka ani garbicha kiyya Muuse'etti akka baniin Israa'elii maruu isaan masakkamani'iif gaara Siina'aa irratti isatti kenne qaabadhaa'a. «Guyyaan nama sodaachisuu fi guddaan kiyya ka ana Rabbii uduu hin dhufneen dura ani Eeliyaasii raatticha isinii erga. Inni akka ani dhufee lafa hin abaarre garaa abbooti'ii gara ijoolle'ee, garaa ijoolle'ee gara abbooti'ii deebisa.» Hiddi dhaloota Yesuus Kiristoosii fiixaa Abrahaamiitii fi fiixaa Daawitii kana. Abrahaam Yisaaqiin uumate. Yisaaq Yaaqoobiin uumate. Yaaqoob Yihuuda'aa fi obboleeyyan Yihuuda'aa uumate. Yihuudaan Timaariin irraa Faaresii fi Zaaraa uumate. Faarees Hesroomiin uumate. Hesroom Aaraamiin uumate. Aaraam Aminaadaabiin uumate; Amiinaadab Nahaasooniin uumate; Nahaasoon Salmooniin uumate. Salmoon Rahaabiin irraa Bo'aaziin uumate; Bo'aaz Ruutiin irraa Iyyoobeediin uumate; Iyyoobeed Isseyiin uumate. Isseyi Daawitii mooticha uumate; Daawiti haadha manaa Ooriyo'oo irraa Solomooniin uumate. Solomoon Rehobi'aamiin uumate; Rehobi'aam Abiiyaa uumate; Abiiyaan Asaafiin uumate. Asaaf Iyyoosaafixiin uumate; Iyyoosaafixi Yooraamiin uumate; Yooraam Oziyaaniin uumate. Oziyaan Yo'aataamiin uumate; Yo'aataam Akaaziin uumate; Akaazi Hisqiyaasiin uumate. Hisqiyaas Minaasee uumate; Minaaseen Amooniin uumate; Amoon Iyyoosiyaasiin uumate. Iyyoosiyaas bara boojuu Baabiloonii Ekoniiyaanii fi obboleewwan isaa uumate. Boojuu Babilooniitiin maayii Ikooniyaan Salaatiyaaliin uumate. Salaatiyaal Zarubaabeeliin uumate. Zarubaabeel Abiyuudiin uumate, Abiyuud Eliyaaqimiin uumate, Eliyaaqim Azariin uumate. Azari Saadooqiin uumate. Saadooq Akiimiin uumate, Akiim Eliyudiin uumate. Eliyuud Al'aazaariin uumate, Al'aazaar Maattaaniin uumate, Maattaan Yaaqoobiin uumate. Yaaqoob Yooseefiin uumate. Yooseef ka haadha Yesuus Kiristoosii Maariyaamiin qaadhimate ture; Maariyaamiin tun ta Yesuusii «Kiristoos» jedhamee maqaan itti moggaafame deette. Dhaloonni kun martinuu Abrahaamiin irraa haga Daawitii dhaloota kudha Afur. Daawitiin irraa haga boojuu Baabiloonii dhaloota Kudha Afur. Boojuu Baabiloonii irraa haga dhaloota Kiristoosii dhaloota kudha Afur. Dhaloonni Yesuus Kiristoosii akkana. Haadha isaa Maariyaamiin Yooseefitu qaadhimatee ture; Inni uduu isii bira hin gayin Ayyaana Woyyu'uun ulfooftee argamte. Yooseefiin isii qaadhimate kun nama balchaa waan ta'eef isii saalfachiisuu waan hin barbaanneef dhossa'aan isii dhiisuu yaade. Uduu inni kana yaada'aaru, Maleekkaan Goofta'aa eebju'uun itti mudhatee akkana jedheen, «Yooseef Ilma Daawitii! qaadhimamtuun tee Maariyaam Ayyaana Woyyu'uun waan ulfoofteef isii fuudhuu hin sodaatin. Isiin Ilma dhiiraa deetti; Inni banii cubbuu irraa waan fayyisuuf maqaa isaa Yesuus jettee waamta» jedheen. Kun martinuu wonti Gooftaan karaa raagaatiin dubbate sun akka raawwatamuuf ta'e. Wonti dubbatame sun, «Durbi duudaan hin ulfoofti; Ilma deetti; maqaan isaa, ‹Amaanu'eel› jedhamee waamama;» «Amaanu'eel» jechuun, «Rabbi nu woliin jira» jechu'u. Yooseef hirribaa dammaqee, akkuma Maleekkaan Rabbii isa ajaje godhe. Qaadhimamtuu ufii gara mana ufii fudhate. Haga isiin ilma hangafaa deettutti inni isii bira hin geenne. Maqaa isaa Yesuus jedheen. Bara Heroodis mootii ta'e Yesuus qachaa Beeteliheemii Yihuuda'aa keessatti dhalate. Achiin maayii ogeeyyiin urjii qoran karaa baya biiftu'uutii gara Yerusaalemii dhufan. «Mootiin Yihuudotaa ka dhalate eessa jira? nu urjii isaa karaa baya biiftu'uutitti arginee isaa sagadu'uuf dhufneerraa» jedhanii iyyaafatan. Mootichi Heroodis kana dhagayee naye. Inni bulchoota gadootaatii fi barsiisoota Seera Muuse'ee wolitti qabee, «Kiristoos eessatti dhalata?» jedhee isaan gaafate. Isaan akkana jedhanii deebisaniif, «Raanni karaa raattichaatiin biyya Yihuuda'aa qachaa Beetaliheemitti Masihichi dhalata ka jedhu waan barreeffameeruuf» ‹Ati Beeteliheemii Yihuudaa keessaa! ati qachoota gugurdaa Yihuuda'aa maraa keessaa horoma hin diqqaattu; Sababaan ka banii kiyya Israa'eliin bulchu, Bulchaan si keessaa waan dhalatuuf›» Kanaan maayessa Heroodis ogeeyyii dhossa'aan waamee, bara urjiin mudhatte isaan irraa sirri'itti qulqulleeffatee hubate. Akkana jedhee isaan erge, «Beeteliheem dhaqa'aatii waan daa'imaa midhaassa'aa sirri'itti hubadhaa'a; hennaa isa argitan anillee dhaqee akka isaa sagadu natti himaa'a» Isaan waan Mootiin isaaniin jedhe haga dhagayaniin maayessa bayanii deeman; urjiin isaan baya biiftu'uutitti argan sun haga hulee daa'imni jiruu isaan afoo deemee isaan masakka'aa ture. Isaan akka urjiin dhaabatte hennaa argan guddisanii gammadan. Mana seenanii daa'ima haadha isaa Maariyaamiin woliin arganii gad kufanii isaa sagadan. Achiin maayii Saanduuqa ufii bananii kennaa worqi'ii, Hixaanaa fi qumbii kennaniif. Achiin maayessa Rabbi akka isaan gara Heroodisii hin deebine eebju'uun waan isaan seereef karaa biraatiin gara biyya ufii deebi'an. Haga ogeeyyiin gara biyya ufii deebi'aniin maayessa maleekkaan Goofta'aa eebju'uun Yooseefitti mudhatee, «Heroodis daa'ima ajjeesuu waan barbaaduuf ka'ii daa'imaa fi haadha isaa qabadhuutii gara Misirii baqadhu; haga ani sitti himutti achuma taa'i» jedheen. Yooseef halkaniin ka'ee haadha fi daa'imallee qabatee gara biyya Misirii deeme. Haga Heroodis du'utti achuma taa'e; kun ka Gooftaan afaan raagaatiin, «Ani biyya Misiriitii ilma kiyya waame» jedhee dubbate sun akka raawwatamuuf ta'e. Kanaan maayessa worri urjii qoratan akka isa soban hennaa hubate Heroodis guddisee aare. Hennaa urjiin itti mudhatte worra urjii qoratan irraa akka gaafatee hubatetti daa'imman Beeteliheemiin keessaatii fi naannoo sanii maraa ta woggaa lamaatii fi ta achii gadii ta'an loltoota ufii ergee ajjeesisiise. Akka kanaan wonti raattichi Ermiyaas jedhe raawwatame. Wonti inni raage, «Laagaan Raama'atti dhagayame, laagaa wocaa fi booyaati. Raahel ijoollee ufiitiif bootte; ijoolleen isi'ii waan dhumatteef, jajjabaachuu dadhabde» jedha. Haga Heroodis du'een maayessa Maleekkaan Goofta'aa eebju'uun Yooseefitti mudhatee; «Worri lubbuu daa'imaa soqan waan du'aniiraniif ka'ii daa'imaa fi haadhallee qabadhuutii gara biyya Israa'elii deebi'i!» jedheen. Innillee ka'ee daa'imaa fi haadha qabatee gara biyya Israa'elii deebi'e. Arkelaawoos bakka abbaa ufii Heroodisii akka mooye hennaa dhagaye, garas deemuu waan sodaateef eebju'uun ka gara biyya Galiila'aa deemu argee garas deeme. Raattotaan waan Yesuusii, «Inni ‹Naazireeticha› jedhama» jedhamee dubbatame akka raawwatamuuf gara qachaa Naazireeti jedhamtuu dhaqee achi taa'e. Ka raatticha Isaayyaasiin, akkana jedhamee dubbatameef isa; «Namni tokko lafa gammoojji'ii keessaa iyya'aa, ‹Karaa Goofta'aa qopheessaa'a›; daandii inni irra deemu qajeelchaa'a!» Hennaa jedhu inni waan Yohaannisii dubbate. Uffanni Yohaannisii rifeensa gaalaa irraa hojjatame; inni mudhii ufii teephaan hidhata; Nyaanni isaa awwaannisaa fi damma gammoojjii keessaati. Hennaa san Yerusaalemii, Yihuuda'aa fi biyya cinaa laga Yoordaanosii maraa irraa baniin gara isaa dhufan. Cubbuu ufii himata'aa laga Yoordaanosii keessatti harka Yohaannisiititti cuuphaman. Yohaannis Fariisotaa fi Saduuqoonni hedduu cuphamu'uuf gara isaa hennaa dhufan argee, «Isin ilmaan buuti'ii! mufii Rabbii ta isinitti dhufa'aartu jalaa akka baqattan eentu isinitti hime? Eegasuu waan cubbuu irraa deebi'uu keessan mudhisu hojjadhaa'a. Abbaan keenna Abrahaam jechuun waan isin baasu hin seeyinaa'a. Rabbi dhagaa kanniin fuudhee, Abrahaamiif ilmaan akka ta'an godhuu akka danda'u ani isinitti hima. Kunoo amma dhagaraan mukkiin hiddatti muru'uuf qophaayeera; munni daraaraa mishaa hin daraarre maruu muramee ibiddatti gatama. Ani akka isin cubbuu irraa deebitan mudhisu'uuf bisaaniin isin cuupha; ka na maayessa dhufa'aaru ammo Ayyaana Woyyu'uu fi ibiddaan isin cuupha. Inni guddisee na caala; ani kophee isaatuu baadhachuun naa hin malu. Inni Mashii harkaa qaba. Ooyidiillee sirri'itti qulqulleessa. Qamadii gootara'atti galcha. Buraa ammo ibidda bobayee hin dhaamne keessatti guba». Yesuus hennaa san Yohaannisiin cuuphaan akka isa cuuphuuf gara laga Yoordaanosii dhufe. Yohaannis ammo, «Natu siin cuuphama malee situ naan cuuphamaa?» jedha'aa uf irraa isa dhoogga'aa ture. Yesuus ammo deebisee, «Akkanaan qajeellummaa maraa raawwachuu nu barbaachisa, amma na hoffolchi» jedheen. Yohaannisillee hin hoffolcheen. Yesuus akkuma cuuphamee bisaan keessaa bayeen yoosuu samiin banamee Ayyaanni Rabbii akka handari'ii hennaa isa irratti bu'u arge. Hennama san laagaan samii irraa, «Kunoo Ilmi kiyya jaalatamaan Ani itti gammadu kana» jedhe. Achiin maayessa akka Yesuus daabiloosiin ataabamu, Ayyaanni Woyyuun gara gammooji'ii isa fide. Inni haga guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa soomeen maayessa hin beelaye. Achiin maayessa ataabtichi gara isaa dhufee, «Ati yoo Ilma Rabbii taate dhagaa kana akka xoroshoo ta'u ajaji» jedheen. Inni deebisee «Namni dubbii afaan Rabbiitii bayu maraan jiraata malee xoroshoo calla'aan hin jiraatu jedhamee barreeffameera» jedheen. Achiin maayessa daabiloos Yesuusiin gara qachaa woyyitti'ii fidee ginnoo mana woyyuu gubbaa irra akka dhaabatu godhe. Barreeffamni Woyyuun, ‹lutti tee dhaga'aan akka hin gufanne, akka isaan harka ufiitiin si qaban, maleekkota ufii sii ajaja› «Ati yoo Ilma Rabbii taate as irraa gad uf dhiisi» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Barreeffamni Woyyuun, ‹Waaqa Gooftaa kee hin qorin› jedhamee barreeffameera» jedheen. Ammallee daabiloos gaara dheeraa tokko gubba'atti ol isa baasee, Mootolee biyya lafaatii fi ulfinna isaaniillee itti mudhisee, «Yoo kuftee naa sagadde, kana maraa sii kenna» jedheen. Hennaa san Yesuus, «Ati seexana! na irraa fagaadhu! kitaaba Woyyuu keessatti, ‹Waaqa Gooftaa keetii sagadi; isuma callaa waaqeffadhu› jedhamee barreeffameera» jedheen. Achiin maayessa daabiloos Yesuusiin dhiisee deeme; achii maleekkonni dhufanii isa tajaajilan. Yesuus akka Yohaannis dabarfamee kenname hennaa dhagaye gara Galiila'aa deeme. Qachaa Naazireetii gad dhiisee Zaabiloonii fi Niftaalemiin keessaa gara biyya galaana biraa gara Qifirnaahoomii dhaqee achi taa'e. Wonti Isaayyaas raattichi raage, «Lafa Zaabilooniitii fi lafa Niftaalemii, karaa galaana Yoordaanosiitiin gama; Galiilaa lafa worra Yihuudota hin taaneetitti! Baniin dukkana keessa jiraate, ifa guddaa arge; worra lafa du'aatii fi gaaddidduu du'aa jala jiraataniif, ifni ife» jedhu akka raawwatamuuf kun ta'e. Hennaa san irraa kaasee Yesuus, «Jeennanni sami'ii waan dhiyaatteertuuf cubbuu irraa deebi'aa'a!» jedhee lallabuu jalqabe. Yesuus uduu qarqara galaana Galiila'aatiin lufa'aaru obboleeyyan lamaan Simoonii Pheexroos jedhamee fi Indiriyaas, obboleessi Simoonii hennaa isaan siiboo gara galaanaa darban arge; Isaan worra qurxummii qabu turan. Yesuus isaaniin, «Na faana koottaa'a! Ani worra namoota qabdan isin taasisaa» jedheen. Yoma san siiboo ufii dhiisanii isa faana deeman. Inni akkuma achii deemeen, obboleeyyan lamaan Yaaqoobii fi Yohaannisiin ilmaan Zabdewoosii arge. Isaan uduu yabala ufii keessatti abbaa ufii Zabdewoosiin woliin Siiboo midhaaffatan argee isaan waame; Isaanillee yoosuu yabalaa fi abbaa ufiillee dhiisanii isa faanaa deeman. Yesuus manniin sagada Yihuudotaa keessatti barsiisa'aa, Dubbii Nagayaa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, dhibe'ee fi dhukkuba adda addaa maraa irraa banii fayyisa'aa Galiilaa maraa keessa naannaya'aa ture. Gurri isaa biyya Sooriya'aa maratti dhagayame. Kanaafuu worra dhibamanii dhukkuba adda addaatiin rakkatan, worra jinniin qabeeru, worra dhukkuba gaggabdo'oo qabanii fi ka qaamni isaanii laamshaye maraa gara isaa fidan; Yesuus isaan fayyise. Achiin maayessa gumiin hedduu Galiila'aa, qachaa qachoota kudhanii jedhamu keessaa, Yerusaalemii, Yihuuda'aa fi Yoordaanosiin gamaallee baniin hedduu isa faanaa deeman. Yesuus hennaa gumii hedduu arge gaara irra ol bayee taa'e; darasoonni gara isaa dhufan. Achiin maayessa inni akkana jedhee isaan barsiise. «Worri Ayyaanaan hiyyeeyyii ta'an, worra eebbifame, Jeennanni sami'ii ta isaanii waan taateef! Worri gaddan worra eebbifame; jajjabeenna waan argataniif. Worri gad uf qabu worra eebbifame; waan biyya lafaa dhaalaniif. «Worri qajeellummaa beelayanii fi dheebotan worra eebbifame; waan quufaniif. Worri namaa araaraman worra eebbifame; Rabbi waan isaanii araaramuuf! Worri yaanni garaa isaanii qulqulluu ta'e worra eebbifame; isaan Rabbiin waan arganiif! Worri nama wolitti araarsan worra eebbifame; isaan ijoollee Rabbii jedhamanii! Worri qajeellumma'aaf ari'aman worra eebbifame; Jeennanni sami'ii ta isaanii waan taateef! «Anaaf jedhanii yoo namoonni isin arrabsan, yoo isin ari'an, yoo sobaan waan hamaa maraa isin irratti odeessan, isin worra eebbifame. Isaan raattota isiniin duraatuu akkasuma ari'aa turan. Gatiin keessan waan samii gubba'atti guddaa ta'eef, gammadaa ililfadhaa'a» isaaniin jedhe. Isin akka sooqidda lafaati; Sooqiddi yoo mi'aa sooqiddummaa ufii dhabe maali'iin mi'aaya? Gara diidaa gatamee namoonni irra deeman malee womaafuu bu'aa hin qabu. «Isin ifa adunya'aati. Qachaan gaara gubbaa jirtu dhokachuu hin dandeettu. Namoonni ifaa ibsanii akka nama mana keessa jiru maraaf ifutti waan ifaan irra kaayamu irra kaayan malee gonbisoo jala hin kaayan. Hujii mishaa keessan arganii akka Abbaa keessan ka samii jiru kabajjan ifni keessan nama maraa afo'otti haa ifuu» jedheen. «Ani waan seeraa fi waan raattonni barsiisan diigu'uuf dhufe hin seeyinaa'a; raawwachu'uuf dhufe malee diigu'uuf hin dhufne. Ani dhugamaan isiniin jedha, sami'ii fi ardiin haga luftutti seera keessaa tokkottiin yookaan qabxiin tokkottiinuu horoma hin diiggamtu hin raawwatamti malee. Eegasuu ka seera kanniin maraa keessa ka irra diqqa'aa tokkottiillee diigu, akka diiganillee ka namoota barsiisu, jeennata sami'ii keessatti nama maraa irraa diqqa'a jedhama. Namni seera kana eeguu fi akka eegan ka barsiisu ammo jeennata sami'ii keessatti gudda'a jedhama. Akkana isiniin jedha, qajeellummaan keessan qajeellummaa barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisotaa yoo caale malee horoma jeennata sami'ii hin galtan» isaaniin jedhe. Worra duraatiin, « ‹Hin ajjeesin, namni yoo nama ajjeese abboota murti'ii afo'otti itti murama› ka jedhame dhageettaniirtan. Ani ammo akkana isiniiniin jedha; eennullee yoo obboleessa yookaan obboleettii ufiititti mufate, abboota murti'ii afo'otti itti murama; namni yoo obboleessa ufiitiin «Gowwaa'a!» jedhe yaa'itu itti murteessa. Ka obboleessa ufiitiin ‹Duudaa'a!› jedhu maruu murtii ibidda asaabaatiif dhiyaata. Eegasuu kennaa kee ka Rabbii kennitu hennaa mi'a kenna'aa irratti dhiyeessitu, obboleessi kee akka si komate yoo yaadde, Kennaa kee ka Rabbii kennitu achumatti dhiisiitii, duraan dursii obboleessa kee woliin araarami; achiin maayessa deebi'iitii kennaa kee Rabbii dhiyeessi. Nama si himate tokko woliin yoo gara hulee yaa'iititti uduma deemtu dafii karaa irratti isa woliin wolii gali; achi geettee jennaan abbaan murti'ii ka si hidhutti dabarsee si kennee, ka si hidhullee mana hidha'aatitti si galcha. «Ani dhugamaan siin jedha, waan sitti murame keessaa saantibiin cabduunillee uduu hin hafin haga kaffaltutti sirimaa hin baatu» jedhe. Yesuus ammallee akkana jedhe, « ‹Hin seebarin› akka jedhame dhageettaniirtan. Ani ammo akkana isiniin jedha, ‹namni ija hawwi'iitiin dubartii laale, garaa ufii keessatti isii woliin seebareera.› Yoo ijji mirgaa cubbuu si hojjachiifte, uf keessaa baasi; nafti kee guutuun gara asaabaa ka gatamee mannaa, nafa kee keessaa tokko fafaayuu sii woyya. Yoo harki kee ka mirgaa cubbuu si hojjachiise uf irraa murii gati; ka nafti kee guutuun gara asaabaa gatamee mannaa, nafa kee keessaa tokko fafaayuu sii woyya.» Ammallee Yesuus akkana jedhe, ‹Namni haadha manaa ufii hiiku maruu, barreeffama isii hiikuu isaa ibsu haa kennuufii› jedhameera. Ani ammo akkana isiniin jedha, «Yoo isiin seebarte malee, ka haadha manaa ufii hiiku maruu seebartuu isii taasisa; namni ta abbaa manaa jalaa baate fuudhullee hin seebara.» Ammallee worra duraatiin, ‹Sobaan hin kakatinaa'a; waan Goofta'aaf kakattan ammo raawwadhaa'a› akka jedhame dhageettaniirtan. Ani ammo akkana isiniin jedha, «Horoma hin kakatinaa'a; Sami'iin hin kakatinaa'a; teessoo Rabbii waan taateef. Ardi'iin hin kakatinaa'a; ejjata luka Rabbii waan taateef. Yerusaalemiinillee hin kakatinaa'a qachaa guddittii mooti'ii waan taateef, Rifeensa mataa keetii tokkocha adii yookaan gurraacha godhuu waan hin dandeenneef ufiinillee hin kakatin. Dubbiin keessan yoo dhugaa ta'e ‹Ee› yoo soba ta'e ‹Wa'a› jedhaa'a; wonti kanaan alaa garuu hammeenna irraa dhufa» jedhe. « ‹Ijji ijaaf; ilkaan ilkaaniif› akka jedhame isinuu dhageettaniirtan. Ani ammo akkana isiniin jedha; nama waan hamaa si irratti hojjate haluu hin bayin. Namni tokko yoo boqoo mirgaa si dhabanaase, taanillee itti deebis. Namni tokko yoo shamisii tee fudhachu'uuf barbaadee si himate, kootii keellee kenniif. Namni tokko yoo karaa hagoo na geegessi jedhee si giddisiise, ati ammo san caalaa geegessiin. Ka waa si kadhatee kenni; ka si irraa liqeeffachu'uuf barbaadu jalaa hin miliqin.» Ammallee Yesuus akkana jedhe, « ‹Hiriyyaa kee jaaladhu, diina kee jibbi› akka jedhame dhageettaniirtan. Yoo worra isin jaalatu callaa ka jaalattan ta'e gatii maal qabdan? Worri Rabbitti hin bulle akkanuma godhaniimii ree? Yoo obboleeyyan teessan callaa nagaya oo'aa gaafattan, worra kaawwaniin maali'iin adda taatan? Worri Yihuudota hin taanellee akkanuma godhaniimii? Akkuma Abbaan keessan ka sami'ii guutuu ta'e, isinillee akkasuma guutuu ta'aa'a.» Yesuus ammallee akkana jedhe, «Namni akka isin arguuf jettanii hujii mishaa afoo isaaniititti akka hin hunye uf eeggadhaa'a! yoo akkas gootan ammo Abbaa keessan ka sami'ii biraa gatii woyiituu hin argattan. «Eegasuu isin hennaa hiyyeeyyi'iif arjoomtan, akka worra uf tuulanii nama biratti ulfinna ittiin argatu'uuf jedhanii mana sagadaatii fi karaa irrattillee uf mudhisu'uuf godhan hin godhinaa'a. Ani dhugamaan isiniin jedha isaan gatii ufii argataniiran. «Isin hennaa Rabbiin kadhattan akka worra fakkeessuu hin ta'inaa'a! Isaan akka worri biraa isaan arganiif mana sagadaatii fi wol gayii karaa gugurdaa irra dhaabatanii Rabbiin kadhachuu jaalatan; ani dhugamaan isiniin jedha isaan gatii ufii fudhataniiran. Ati ammo hennaa Rabbiin kadhattu gara golaa ol seenii, balbala kee cufadhuu, Abbaa kee ka dhossaa jiru kadhadhu. Abbaan kee ka dhossa'aan si argu gatii kee sii kennaa. «Hennaa Rabbiin kadhattan akka worra Yihuudota hin taanee dubbii bu'aa hin qabne irra hin deddeebi'inaa'a; isaan dubbii guddisu'uun waan Rabbi isaanii dhagayu seeyan. Kanaafuu isin isaan hin fakkaatinaa'a. Abbaan keessan waan isin barbaachisu uduma isin isa hin gaafatinuu hin beeka. «Kanaaf hennaa Rabbiin kadhattan: Abbaa keenna ka samii jirtu, Maqaan kee haa woyyoomu; Jeennanni kee haa dhufu; fedhiin kee akkuma samii irratti ta'e, akkasuma lafa irrattillee haa ta'u. Nyaata adha nu barbaachisu adhuma nuu kenni. Akkuma nu worra nu yakkuuf dhiifnu, yakka keenna nuu dhiisi. Hamaa jalaa nu oolchi, ataabe'etti nu hin galchin, [jeennanni, hunni, ulfinnillee baruma baraan keetii Amiin!] «Isin yoo yakka namootaa dhiiftan, Abbaan keessan ka sami'ii cubbuu keessan isinii dhiisa. Yoo isin yakka namootaa dhiisuu diddan, Abbaan keessan cubbuu keessan isinii hin dhiisu» jedhe. Yesuus ammallee akkana jedhe, «Hennaa soomtan akka worra fakkeessuu uf hin daalacheessinaa'a; isaan akka soomaniiran namootatti uf mudhisu'uuf fuula guuran. Dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii ufii fudhataniiran. Yesuus ammallee akkana jedhe, «Qabeenna keessan lafa irratti hulee rimminii fi dammeessaan balleessutti, hulee hattoonni cabsanii hatanitti hin kuufatinaa'a. Isin qabeenna keessan samii irratti hulee rimminii fi dammeessaan hin balleessinetti, hulee hattoonni cabsanii hin hannetti kuufadhaa'a. Hulee qabeenni keessan jiru garaan keessanillee jira waan ta'eef.» Yesuus, «Ijji ifa nafaati; ijji tee yoo fayyaa taate, nafti kee maruu ifaa ta'a. Ijji tee yoo dhukkubsattuu taate ammo, nafti kee hoomaanuu dukkanaayaa ta'a; Eegasuu yoo ifni si keessa jiru dukkanaayaa ta'e, dukkanni sun attam attam gudda'aa!» jedhe. Yesuus ammallee, «Eennullee ka gooftaa lamaaf buluu danda'u hin jiru. Tokko hin jibba, kaan ammo hin jaalata; yookaan tokkochaaf uf kennee kaan ammo hin tuffata. Akkasuma Rabbii fi duniya'aa qixa bitamuu dandeettan» jedhe. «Kanaaf akkana isiniin jedha, jiruu teessaniif maal nyaanna? yookaan maal dhunna? yookaan nafa keessaniif, maal uffanna?» jettanii hin yaaddayinaa'a! Jiruun nyaata, nafti uffata hin caaluu? Simbirroota sami'ii laalaa'a; isaan hin facaafatan, hin haamatan, gootara'attillee hin galfatan, Abbaan keessan ka samii jiru isaan nyaachisa. Isin guddiftanii simbirroota hin caaltanii? Isin keessaa namni yaaddayee hojjaa ufii irratti ciqilee takkattii eda'uu danda'u eennu? Waan uffataatiif maaf yaaddoftan? Abaaboon raasaa keessaa attamitti akka guddatan qalbi'iin laalaa'a; isaan hin hojjatan, hin dadhaban, jirbiillee hin fooyan. Kanaafuu Solomoon mootiinuu uduu ulfinna guddaa qabuu, abaaboo sanniin keessaa akka tokkichaatittillee hin uffanne. Rabbi abaaboo raasa'aa ka adha jiru, ka boru ibiddatti gatamu yoo akkanatti ka uwwisu ta'e, isin bada worra amantii dhidhu'uu; attamitti caalchisee isin uwwisuu dadhaba ree? «Maarre, ‹Maal nyaanna?› yookaan ‹Maal dhunna?› yookaan ‹Maal uffanna?› jedha'aa hin yaaddayinaa'a; Kana maraa worri Yihuudota hin taanee waan barbaadaniif. Kun maruu akka isin barbaachisu, Abbaan keessan ka sami'ii hin beeka. Isin ammo duraan dursa'aatii jeennata Rabbiitii fi qajeellummaa soqaa'a; wonti kunniin maruu isinii eda'ama. Kanaafuu waan boruutiif hin yaaddayinaa'a; guyyaan boruu ufiifuu yaada isa gawu qabaa; rakkinni adhaa adhaaf hin gaya.» Yesuus ammallee akkana jedhe, «Rabbi akka isinitti hin murteessine, isin namatti hin murteessinaa'a. Murtima isin namatti murteessitaniin isinittillee murteeffama. Safartuma isin namaaf safartaniin isiniifillee safarama. Huuba ija obboleessa keetii keessa jiru maaf laalta! utubaa ija tee keessa jiru maaf arguu dadhabde? Uduu utubaan ija tee keessa jiru attamitti obboleessa keetiin, ‹Huuba ija tee keessaa sii baasa› jettaan? Ati nama fakkeessitu! duraan dursii utubaa ija tee keessa jiru baasi. Achiin maayessa huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasu'uuf midhaassitee arguu dandeettaa. «Waan woyyoome sariinii hin kenninaa'a; isinitti gara galanii isin ciniinanii. Meeshaa keessan ka gatii mi'a'aa booyyota afoo hin buusinaa'a!» «Rabbiin kadhadhaa'a isinii kennamaa; barbaadaa'a hin argattanii; balbala dhadhayaa'a isin jalaa banamaa. Ka kadhatu maruu hin fudhata; ka barbaadu hin argata; ka balbala dhadhayuufillee hin banama. Isin keessaa ilmi isaa yoo xoroshoo kadhate ka dhagaa kennuuf eennu? Yookaan yoo qurxummii kadhate bofa kennaafii? Eegasuu isin hammeeyyii taatanii yoo ijoollee teessanii kennaa mishaa kennuu beettan, Abbaan keessan ka samii jiru worra Isa kadhataniif attamitti waan mishaa caalchisee hin kennine ree? Eeganaa «Waan namoonni akka isinii godhan barbaaddan, isinillee akkasuma isaaniif godhaa'a; seerrinii fi raattonnillee kanuma barsiisan.» «Karra dhipho'oon seenaa'a! Karaan gara badi'ii fidu badha'a; karrillee badhoo waan taateef; worri karra saniin seenu heddu. Karaan gara jireennaa fidu qadho'o; karri dhiphoo waan taateef; worri karaa jiru'uu san argatu hago'o.» Yesuus ammallee akkana jedhe, «Raattota sobaa worra hoolaa fakkaachu'uuf gogaa hoola'aa uffatanii isinitti dhufan; ka keessi isaanii ammo akka Yayyii waa butuu ta'an irraa uf eegaa'a. Isaan daraaraa hujii ufiitiin beekkaman; qoree irraa woyinii, qummuudduu irraa hurbuu hin guuranii? Akkasuma munni mishaan maruu daraaraa mishaa daraara; munni badaan daraaraa badaa daraara. Munni mishaan daraaraa badaa daraaruu, yookaan munni badaan daraaraa mishaa daraaruu hin danda'u. Munni daraaraa mishaa hin daraarre maruu muramee ibiddatti gatama. Kanaaf daraaraa isaaniitiin isaan beettan.» Yesuus, «Nama fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu raawwatutu jeennata sami'ii gala malee ka, ‹Gooftaa! Gooftaa!› jedhee na waamu marti hin galu. Guyyaa san namoonni hedduu, ‹Gooftaa! Gooftaa! maqaa keetiin raaga hin dubbannee? Maqaa keetiin jinnii hin baafnee? Maqaa keetiin baasa hedduu hin hunyee?› naan jedhan. Ani ammo, ‹Isin dhartoota sirimaa isin hin beeku; na irraa fagaadhaa'a› jedhee isinitti rageessa.» Yesuus ammallee akkana jedhe, «Namni dubbii kiyya kana dhagayee hujii irra oolchu maruu namicha qaroo mana ufii dhagaa irratti ijaarate fakkaata. Roobni roobee, lolaan lola'ee, bubbeen bubbisee, mana san dhiibe; manni ammo lafa qarsaa irratti waan ijaarameeruuf hin jinne. «Namni dubbii kiyya kana dhagayee hujii irra hin oolchine ammo, namicha gowwaa mana ufii shasharee irratti ijaarate fakkaata. Roobni roobee, lolaan lola'ee, bubbeen bubbisee mana san dhiibe; manni sun jigee akka malee butute.» Yesuus hennaa dubbii kana dubbatee fixe, gumiin barumsa isaa hin baaseffatan. Inni akka barsiisota seera Muuse'eetitti uduu hin ta'in, akka nama baallii qabuutitti waan isaan barsiiseef. Yesuus hennaa gaara irraa gad bu'e, gumiin hedduu isa faana deeman. Yoo san namichi dhukkuba gogaa kukkutuun qabame tokko gara isaa dhufee, «Gooftaa kiyya! Yoo fedha kee ta'e na fayyisuu dandeetta» jedha'aa sagadeef. Yesuus harka ufii diriirsee qabeenii, «Ee hin fedhaa fayyi!» jedheen; hennama san namichi dhukkuba irraa fayye. Achiin maayessa Yesuus, «Beekkadhu! Waan kana nama tokkottillee hin himin; garuu deemii gadichatti uf mudhisi; fayyuun kee akka nama maraaf ragaa ta'u fayyuu keetiif kennaa Muuseen ajaje dhiyeessi!» jedheen. Yesuus hennaa qachaa Qifirnaahoomii seene ajajaan dhibbaa tokko gara isaa dhiyaatee akkana jedhee isa kadhate, «Gooftaa kiyya! Tajaajilaan kiyya guddisee dhukkubsatee laamshayee mana ciiseera.» Yesuus, «Ani dhufee isa fayyisa» jedheen. Ajajaan dhibbaa sun ammo akkana jedheen, «Gooftaa kiyya! Ati mana kiyya seenu'uuf ani nama malee miti; dubbima takkattii callaa dubbadhu tajaajilaan kiyya hin fayyaa. Ani mataan kiyyaa abbootii baallii qaban jala jira; loltoota uf jalatti bulchu qaba. Tokkoon yoo ‹deemi› jedhe inni hin deema; kaaniin yoo ‹koottu› jedhe inni hin dhufa; Hojjataa kiyyaan yoo ‹kana huji› jedheen innillee hin hojjata.» Yesuus hennaa waan kana dhagaye maalalee worra isa hordofuun, «Ani isinitti himaa Israa'eliin keessatti nama amantaa guddaa akkanaa qabu tokkochallee hin argine. Ani akkana isiniin jedha namoonni heddu isaanii baya biiftu'uutii fi dhiya biiftu'uutii dhufanii jeennata sami'ii keessatti Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobiin woliin taa'an; worri jeennata keessa taa'uu malan ammo hulee itti booyanii fi ilkaan itti qaran gara diidaa dukkanatti gataman» jedhe. Achiin maayessa Yesuus ajajjaa dhibbaatiin, «Deemi; akkuma amantii keetii sii haa ta'u» jedhe. Tajaajilaan ajajaa dhibbaa yoma san fayye. Yesuus hennaa mana Pheexroosii dhaqe soddaatiin Pheexroosii oo'aa fi haxaxxe'een dhibamtee ka ciifteertu arge. Inni harka isi'ii hennaa qaqqabe haxaxxeenii fi oo'i isii dhiise; isiinillee kaatee isaan tajaajilte. Haga aduun dhiiteen maayii namoota jinni'iin qabaman heddu isaanii gara Yesuusii fidan; Inni dubbii ufiitiin jinnoota baasee worra dhibame maraa fayyise. Wonti Isaayyaas raattichi, «Inni dadhabbii keenna nu irraa fudhate; Dhukkuba keennallee baate» jedhe haa raawwatamu'uuf kana godhe. Yesuus namoonni hedduu akka isa marsan argee, akka gama ceeyan darasoota ufii ajaje. Barsiisaan Seera Muuse'ee tokko gara isaa dhufee, «Barsiisaa'a! bakka ati dhaxxu maraa si faana deema» jedheen. Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla qabdi; simbirtillee goom'ee qabdi; Ilmi namaa ammo hulee mataa ufii itti irkifatu hin qabu» jedheen. Darasoota isaa keessaa tokko Yesuusiin, «Gooftaa'a! Duraan dursee dhaqee abbaa kiyya akka awwaalu na hoffolchi» jedheen. Yesuus ammo, «Ati na faana koottu! Du'aan du'aa ufii haa awwaalatuu» jedheen. Hennaa Yesuus gara yabalaa seenu darasoonni isaallee isa faanaa deeman. Dambaliin yabala liqimsuu geennaan guddisanii raafaman; hennaa san Yesuus hin rafeera. Darasoonni gara Yesuusii dhaqanii, «Maal bannee Gooftaa keenna! Nu hambisi» jedha'aa isa dammassan. Yesuus deebisee, «Isin bada worra amantii dhidhu'uu maaf sodaattan?» isaaniin jedhe. Achiin maayessa inni ol ka'ee bubbe'ee fi dambalii teedeffate; dambaliin yoma san cadhise. Kana irratti namoonni maalalfatanii, «Ka bubbeenii fi dambaliin ajajamuuf kun nama attamiiti?» jedhan. Hennaa Yesuus gama ceeyee biyya Gergesenoonii dhufe, namoonni lamaan jinniin dhayeeru bakka awwaalaatii bayanii itti dhufan; isaan guddisanii hammeeyyii waan turaniif haga namni karaa saniin lufuu dadhabutti sodaachisa'aa turan. Isaan, «Yesuus Ilma Rabbii! maal nu irraa qabda? hennaan uduu hin geenne nu rakkisu'uuf dhuftee?» jedha'aa iyyan. Gobbuun booyye'ee heddu isaan irraa fagaatanii bobbayanii dheeda'aaran. Jinnoonni, «Yoo ka nu baaftuu gara gobbuu booyyotaa san nu ergi» jedhanii isa kadhatan. Yesuus, «Dhaqaa'a!» isaaniin jennaan jara keessaa bayanii booyyotatti galan; gobbuun booyye'eellee ededa irraa gugatanii gara galaanaa ariifata'aa garba keessatti liqimfamanii dhuman. Worri booyyee tissan baqatanii qachaa seenanii waan ta'ee fi waan namoota seexanni qabeeru irratti ta'e maraa achitti odeessan. Achiin maayessa namoonni qachaa san keessaa maruu Yesuusiin argu'uuf bayan; isaan hennaa dhufanii isa argan akka inni biyya isaanii keessaa bayee deemu isa kadhatan. Kanaan maayessa Yesuus yabala yaabbatee galaana ceeyee gara qachaa ufii dhufe. Jarri tokko achitti namicha nafti isaa laamshayee itillee irra ciiseeru tokko gara isaa fidan. Yesuus hennaa amantii isaanii arge, namicha laamshayaa saniin, «Ilma kiyya jabaadhu! Cubbuun kee sii dhiifameeraa» jedheen. Achiin maayessa barsiisonni Seera Muuse'ee gariin, «Namichi kun Rabbiin arrabsa» jedhanii garaa ufii keessatti yaadan. Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin maaf waan hamtuu akkasii garaa keessan keessatti yaaddan? ‹Cubbuun kee sii dhiifameera› jechu'u moo yookaan, ‹Ol ka'ii deemi› jechuu irra kamtu salpha'a? Ilmi namaa biyya lafaa irratti dhiifamsa cubbu'uu kennu'uuf akka baallii qabu haa beekani'iif namicha laamshayaa saniin, «Ka'ii itillee tee baadhadhuu deemi!» jedheen. Namichillee ol ka'ee gara mana ufii deeme. Baniin haga kana argan maalalanii Rabbii baallii akkanaa namaa kenne galatoonfatan. Yesuus achii ka'ee uduu karaa san irra lufa'aaru namicha Maatewoos jedhamu ka bakka qaraxaa taa'ee qaraxu tokko argee, «Na faana koottu» jedheen. Innillee ol ka'ee isa faanaa deeme. Yesuus mana Maatewoosiititti uduu hurbaata nyaachu'uuf taa'eeru worri qaraxa guuruu fi cubbamtoonni hedduu waa nyaachu'uuf Yesuusii fi darasoota isaa woliin taa'an. Worri Fariisotaa kana arganii darasootaan, «Barsiisaan keessan maaf worra qaraxa guuruu fi cubbamtoota woliin nyaata?» jedhan. Yesuus waan isaan jedhan dhagayee, «Dhukkubsattootaaf malee worra fayyaa qabaniif ogeessi qorichaa hin barbaachisu; Haa ta'uu ammo dhaqa'aatii barreeffama araaraa barbaadaa malee, ciinca'aa miti dubbii jedhu hiikkaan maal akka ta'e baradhaa'a. Ani cubbamtoota gara araaraa waamu'uuf dhufe malee, qajeellota waamu'uufii miti» isaaniin jedhe. Gaaf tokko darasoonni Yohaannisii gara Yesuusii dhufanii, «Nu'uu fi Fariisonni hennaa hedduu hin soomna; darasoonni tee ammo maaf hin soomne?» jedhaniin. Inni akkana jedhee isaanii deebise, «Worri jaalaa uduu idaayyaan isaan woliin jiru hin gaddanii? Haa ta'uu ammo ji'oonni idaayyaan isaan biraa fudhatamu hin dhufa; hennaa san sooman. «Eennullee ka uffata haarawa uffata moofa'atti dhaabee hodhu hin jiru. Yoo itti dhaabamee hodhame uffanni haarofni uffata moofaa hin tarsaasa; tarsa'iinsi isaallee ka duraa caala. Akkasuma daadhii woyini'ii ta hin bayin qalqala moofa'atti eennullee hin naqu; Yoo naqame ammo qalqalli sun hin dhooya; daadhiin woyini'iillee hin jiga; qalqallillee hin bada; daadhiin hin baane ammo qalqala haarawatti naqama; yoo san daadhiinii fi qalqallillee hin badu.» Yesuus uduu kana isaanitti hima'aaru bulchaan mana sagada Yihuudotaa gara isaa dhufee isa afo'otti jilbiiffatee, «Mucattiin tiyya amma na jalaa duute; ati ammo koottuutii harka kee isii irra kaayi; lubbuun isi'iillee itti deebitii» jedhe. Kanaaf Yesuus ka'ee darasoota ufii woliin isa faanaa deeme. Dubartiin woggaa kudha lamaaf dhiinni isi'ii dhaabatuu didee rakkata'aa turte takka isa duubaan dhuftee handaara uffata Yesuusii tuxxe. Isiin garaa ufii keessatti, «Yoma uffata isaa tuqe, ani hin fayya» jettee yaadde. Yesuus uf irra gara galee isii argee, «Intala tiyya jabaadhu! amantiin kee si fayyiseeraa» jedheen; dubartittiinillee yeroma san irraa jalqabdee fayyite. Yesuus hennaa gara mana bulchaa mana sagada Yihuudotaa gaye worra xurumbaa gaddaa afuufanii fi banii wocu argee, «Asii achi gad bayaa'a! Mucattiin hin rafteerti malee hin duune» isaaniin jedhe; isaan guddisanii itti kolfan. Haga gumii mana keessaa baaseen maayessa gara hulee mucattiin jirtuu seenee harka isi'ii qabe; isiin ol kaatee dhaabatte. Oduun waan inni hojjate kanaa biyya maraa keessatti dhagayame. Yesuus achii ka'ee uduu deema'aaru namoonni ijaan hin argine lamaan, «Ilma Daawitii! nu fayyisi!» jedha'aa iyya'aa isa faanaa deeman. Hennaa inni gara manaa seene worri ijaan hin argine gara isaa dhufan; Yesuusillee, «Akka ani kana godhuu danda'u hin amantanii?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Ee, Gooftaa!» jedhanii deebisaniif. Achiin maayessa Yesuus, «Akka amantii keessanii isinii haa ta'u jedhee ija isaanii qaqqabe. Ijji isaanii hin banamte. Achiin maayessa Yesuus, «Waan kana eennullee akka hin beenne uf eeggadhaa'a» jedhee jabeessee isaan seere. Isaan ammo achii bayanii biyya san marattuu waan isaa odeessan. Namoonni ija jaama'aa uduu achii baya'aaran jarri takka namicha afaan duudeeru ka jinniin dhaye tokko gara Yesuusii fidan. Haga Yesuus jinnii isa keessaa baaseen maayessa namichi afaan isaa duuda'aa sun hin dubbate; baniin baaseffatee, «Wonti akkanaa kun Israa'eeliin keessatti sirima ta'ee hin beeku!» jedhan. Fariisonni ammo, «Inni hunna mootii jinni'iitiin jinnii baasa» jedhan. Yesuus mana sagada Yihuudotaa keessatti barsiisa'aa, Dubbii Nagayaa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, dhukkubaa fi dhibee maraa fayyisa'aa qachootaa fi gandoota maraa keessa deddeeme. Inni banii akka hoolota tissee hin qabnee rakkatee fi gargaarsa hin qabne hennaa arge isaanii naye. Kanaaf darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Midhaan haamamu gudda'a; worri haamu ammo hago'o. Eegasuu abbaan midhaanii worra haamu gara midhaan haamamuu akka ergu Rabbii kadhadhaa'a» isaaniin jedhe. Yesuus darasoota kudha lamaa gara ufii waamee, hafuura battii akka baasan, dhukkubaa fi dhibee maraa akka fayyisan baallii isaanii kenne. Maqaan ergamtoota kudha lamaan kanniinii ka duraa Simoonii «Pheexroos» jedhamee fi obboleessa isaa Indiriyaas; ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannis, Filiphoos, Bartolomewoos, Toomaas, Maatewoosii qaraxa qaraxu, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoosii Libidiyuus jedhamu, Simoonii hinaafticha, Yihuudaa nama biyya Keeriyoot ka Yesuusiin dabarsee kenne fa'a. Yesuus ergamtoota kudha lamaa kanniin akkana jedhee seeree isaan erge. «Gara worra Yihuudota hin taanee hin dhaqinaa'a; yookaan qachoota Samaariya'aa hin seeninaa'a. Bikka san gara worra akka hoolotaa karaa irraa badanii mana Israa'eelii dhaqaa'a!» Akkuma dhaxxaniin, ‹jeennanni sami'ii dhiyaatteerti› jedha'aa lallabaa'a. Dhibamtootallee fayyisaa'a; worra du'an kaasaa'a; worra dhibee gogaa kukkutu qaban fayyisaa'a; Jinnii baasaa'a; waan tola fudhattan toluma kennaa'a. Korojoo keessan keessatti worqii, yookaan meetii, yookaan sibiila diimaa qabattanii hin deeminaa'a. Imala keessaniif korojoo yookaan shamisii lama, yookaan kophee yookaan ulee hin qabatinaa'a. Hojjata'aaf nyaanni waan barbaachisuuf haa kennamuufii. Isin hennaa gara qacha'aa, yookaan ganda tokkoo seentan haga achii baataniif mana nama isin simatee san taa'aa'a. Yoo mana tokko seentan nagaya isaan gaafadhaa'a. Yoo abbaan manaa nagaya keessan isin irraa fudhate nageenni keessan isaanii haa ta'u; yoo fudhachuu baatan ammo nageenni keessan isinii haa deebi'u. Ka isin hin simannee fi ka dubbii keessan hin dhageenne yoo jiraate mana sanii yookaan qachaa sanii yoo baatan daaraa luka keessanii dhadhayadhaa'a. Ani dhugamaan isiniin jedha guyyaa murti'ii san qachaa san irra adabbiin biyya Soodoomii fi Goomoora'aatii hin salphata» jedhe. Yesuus ammallee, «Ani akka hoolota Yayyii jidduu dhaxxuu isin erga; maarre akka bofaa qaroo, akka handari'ii gara laafeyyii ta'aa'a. Namoonni ammo gara gumi'ii dabarsanii isin kennan; manniin sagada Yihuudotaa keessatti waan isin tumaniif namoota irraa uf eegaa'a. Sababaa kiyyaaf isinitti murteessu'uuf jedhanii gara bulchootaa fi moototaa isin dhiyeessan; isaaniif worra Yihuudota hin taane afo'otti worra ragaa naa bayu taatan. Hennaa dabarsanii isin kennan, wonti dubbattan hennama san waan isinii kennamuuf attamitti yookaan maal akka dubbattan hin yaadinaa'a. Ka isin keessaa dubbatu Ayyaanuma Abbaa keessanii ka samii jiruuti malee ka dubbatu isinii miti. Obboleessi obboleessa ufii, abbaanillee ilma ufii dabarsee du'aaf kenna. Ijoolleen worra ufiititti akka diinaatitti ka'an, hin ajjeesanille'e. Naaf jettanii nama maraa afo'otti worra jibbame taatan; ka haga dhumaa jabaate ammo hin fayya. Qachaa tokko keessatti yoo isin rakkisan gara qachaa biraatitti dheessaa'a. Dhugamaan isiniin jedha, haga Ilmi Namaa dhufuuf qachoota Israa'eelii keessa deemtaniituu hin fixxan. Darasaan barsiisaa ufii, hojjataanillee hojjachiisaa ufii hin caalu. Darasaan akka barsiisa'aa, hojjataanillee akka hojjachiisaa ufii haa ta'uu. Eega abbaa manaatiin Bi'elizebul jedhan maatii isaatiin ammo attamitti kana caalaa hin jenneen ree! Kanaafuu isaan hin sodaatinaa'a, wonti golgame mudhatuu hin oolu; wonti dhokatellee ifa bayuu hin oolu. Waan ani dukkana keessatti isinitti himu isin ifaan dubbadhaa'a. Waan hasaassi'iin dhageettan gumii afo'otti lallabaa'a. Worra foon namaa ajjeesee lubbuu ammo ajjeesuu hin dandeenne hin sodaatinaa'a; Rabbii lubbu'uu fi foonillee asaaba keessatti gatuu danda'u sodaadhaa'a. Simbirroonni didiqqoon lamaan saantibii tokkotti gurguramanii mii? Fedhii Abbaa keessanii ka samii jiruu malee isaan keessaa tokkottiinillee lafa hin buutu. Rifeensi mataa keessanii maruu laakkayameera. Kanaafuu isin simbirroota didiqqoo hedduu waan caaltaniif hin sodaatinaa'a. Ammallee Yesuus akkana jedhe, «Ka nama afo'otti ragaa naa bayu maraafuu anillee Abbaa kiyya ka samii jiru afo'otti ragaa bayaaf. Ka nama afo'otti na waakkatu maraa anillee akkasuma Abbaa kiyya ka samii jiru afo'otti isa waakkadha.» Yesuus ammallee, «Ani waan lafa irratti nagaya buusu'uuf dhufe isinitti hin fakkaatin; lola malee nagaya buusu'uuf hin dhufne. Ani ilma abbaa irraa, intala haadha irraa, soddaatii soddaa irraa adda fooyu'uuf dhufe. Diintonni keessan maatima keessan keessaa ta'a. Namni na caalaa abbaa ufii yookaan haadha ufii jaalatu naaf hin malu. Ka Ilma ufii yookaan intala ufii na caalaa jaalatu naaf hin malu. Ka fannoo baatee na faanaa hin deemne naaf hin malu. Namni lubbuu ufii jaalatu hin balleeffata; ka anaaf jedhee lubbuu ufii balleeffatu ammo hin argata. Ka isin simatu na simata; nallee ka simatu ka na erge simata. Ka raaga maqaa raagaatiin simatu, gatii raagaa argata. Ka nama qajeelaallee maqaa qajeellumma'aatiin simatu gatii qajeellumma'aa argata. Eennullee worra gad aanaa kanniin keessaa waan inni darasaa kiyya ta'eef bisaan qabbanaayaa xuwwee tokkottii obaasu dhugamaan isiniin jedha gatii ufii argata.» Yesuus darasoota kudha lamaan seera ufii itti kennee haga bobbaaseen maayessa achii ka'ee gara qachoota naannaya Galiila'aa keessatti lallabu'uu fi barsiisu'uuf dhaqe. Yohaannis cuuphaan mana hidha'aa uduu jiru hujii Kiristoosii dhagayee darasoota keessaa lamaan ergee, «Ka dhufu si'i mo'o ka biraa eenna?» jedheen. Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe. «Deema'aatii ka argitanii fi ka dhageettan Yohaannisitti himaa'a. Worri ijaan hin argine hin argan, worri hokkolan hin deeman, worri dhukkuba gogaa kukkutuun qabaman hin qulqullaayan, ka gurraan hin dhageenne hin dhagaya, worri du'anillee hin ka'an. Hiyyeeyyi'iifillee Dubbiin Nagayaa hin lallabama; Namni waan kiyya hin mamne ka eebbifame.» Darasoonni Yohaannisii cuupha'aa akkuma lixaniin Yesuus akkana jedhee bani'itti waan Yohaannisii himuu jalqabe; «Maal laalu'uuf gara lafa udume'ee baatan? Ooyyaa Leemmanii ka bubbe'een socho'u laalu'uuf moo? Maal laalu'uuf? nama uffata haarrii babbareedaa uffatee? Kunoo worri uffata haarrii babbareedaa uffatan mana moototaa keessa jiran. Moo maal laalu'uuf? Raagaa? Ee dhugamaan isiniin jedhaa, ka raaga caalu argitan. Inni ka Barreeffamni Woyyuun, ‹Kunoo ergamaa kiyya ka karaa sii tolchu si afo'otti erga› jedhee dubbateeruuf. Dhugamaan isiniin jedha, worra dubartoota irraa dhalatan keessaa ka Yohaannis cuuphaa caalu hin argamne. Jeennata sami'ii keessatti ka maraa irraa diqqa'aatitu isa caala. Bara Yohaannisii cuuphaa irraa jalqabee haga ammaa jeennanni sami'ii hunnaan dhiibama'aarti; worri itti galu'uuf jabaatanii tattaafatan hin argatan. Raattonninii fi seerri Muuse'ee haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti raaganiiran. Yoo dubbii isaanii fudhachuu feetan Yohaannisiin kun Eeliyaasii hin dhufa jedhame san. Ka Gurra dhagayu qabu haa dhagayuu. «Dhaloota kana maali'iin wol fakkeessa? Inni akka ijoollee lafa gabaya'aa taa'anii hiriyyoota isaaniitiin, ‹Xurumbaa isinii afuufne, isin ammo hin hamoommonne; faaruu booyaa isin dhageessifne, isin ammo hin gaddine. Yohaannis uduu hin nyaannee fi hin dhunne dhufe. Isaan ammo, ‹Inni jinnii qaba› jedhan. Ilmi Namaa nyaata'aa dhuga'aa hennaa dhufe, Isaan ammo, ‹Daadhii woyini'ii dhugu'uuf ka nyaatee hin quufne hiriyyaa qaraxxootaatii fi cuubamtootaati› jedhaniin. Haa ta'uu ammo Ogummaan Rabbii hujii ufiitiin mirkanoofteerti» jedhe. Achiin maayii Yesuus worra qachoota maalalee ufii inni irra caalaa keessatti hojjate keessa jiraatan waan isaan cubbuu irraa deebi'uu didaniif isaan komate. Kurraazii! si aanne'e! Beetasaayidaa'a! si aanne'e! Maalaleen isin keessatti godhame uduu Xiroosii fi Siidonaa keessatti godhamee jiraatee baniin achii yoosuu uffata gaddaa uffatanii, daaraa ufitti firfirsanii, silaa bara dheera'aan duratti cubbuu irraa deebi'aniiran. Maarre ani akkana isiniin jedha, guyyaa murti'ii san isin caalaa Xiroosii fi Siidona'aa hin salphata. Atillee Qifirnaahoom! haga sami'ii ol uf qabuu feetee? gara asaabaa hin buuta. Maalaleen si keessatti godhame uduu Soodomitti godhamee jiraatee isiin silaa haga adhaa hin jiraatti. Haa ta'uu ammo akkana isiniin jedha, guyyaa murti'ii san si caalaa biyya Soodoomiitii hin salphata.» Hennaa san Yesuus deebisee akkana jedhe, «Abbaa kiyya Gooftaa Sami'iitii fi Ardii kanaa! waan maraa ogeeyyi'ii fi beettota jalaa dhossitee, daa'immanitti mudhifteef si galatoonfadha. Ee! Abbaa kiyya! fedhiin kee si afo'otti akkana waan ta'eef ani waan kanatti gammadeera. Wonti martinuu Abbaa kiyya irraa naa kennameera. Abbaa malee ka Ilma beeku hin jiru. Akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutu Abbaa beeka malee, eennullee ka Abbaa beeku hin jiru. Isin dadhabdoonni worri ba'aan keessan isinitti ulfaate maruu gara kiyya koottaa'a. Ani hara isin baafachiisa. Qambaraa kiyya baadhaa'a. Narraallee baradhaa'a. Ani gara laafessaa fi Kasoo waan ta'eef, lubbuu teessaniin hara baafata argatanii. Qambaraan kiyya haphi'i; ba'aan kiyyallee salphaa waan ta'eef.» Guyyaa Sambataatiin Yesuus uduu maasaa keessa lufa'aaru darasoonni isaa waan beelayaniif asheeta kukkutanii nyaachuu jalqaban. Fariisonni kana arganii Yesuusiin, «Kunoo, darasoonni tee guyyaa Sambataatiin waan seerri hin kennine godha'aaran» jedhaniin. Gadoonni guyyaa Sambataa mana woyyuu keessatti, Sambataan hojjatanii akka hin yakkine, isin Seera Muuse'ee keessatti hin dubbifnee? Haa ta'uu ammo ani isinitti hima, ka mana woyyuu caalu asi jira. Isin ammo, «Ani ciincaa irra araara jaaladha ka jedhame maal akka ta'e uduu beettanii worra yakka hin qabnetti hin murteessitan. Maarre, Ilmi Namaa Sambataafillee Goofta'a.» Yesuus achii ka'ee mana sagada Yihuudotaa seene. Namichi harka naafate tokko achi jira. Jarri Yesuusiin himatu'uuf soqan gariin, «Guyyaa Sambataatiin isa fayyisuun seerumaa?» jedhanii isa gaafatan. Yesuus deebisee, «Isin keessaa namni hoolaa tokko qabu yoo guyyaa Sambataatiin boollatti jalaa bade ka hin baafne eennu? Eegasuu namni attamitti hoolaa hin caalle? Kanaafuu guyyaa Sambataatiin waan mishaa hojjatuun seeruma» jedhe. Achiin maayessa Yesuus, «Namichaan harka kee diriirsi» jedheen. Namichillee hennaa harka diriirfate harki isaa fayyee akkuma harka fayyaalessa kaanii ta'e. Fariisonni ammo bayanii attamitti akka isa balleessan mari'atan. Yesuus yaada isaanii beekee achii siiqe. Namoonni hedduu isa faanaa deemanii isaan maraa hin fayyise. Waan isaa eennuttillee akka hin himne isaan seere. Kunillee ka raatticha Isaayyaasiin raagame akka raawwatamuuf ta'e; wonti raagamellee, «Kunoo! hojjataan kiyya ka ani filadhe, jaalatamaa kiyya, ka lubbuun tiyya guddiftee itti gammadde; Ayyaana kiyya isa irra kaaya, inni worra Yihuudota hin ta'iniif murtii dhuga'aa lallaba. Inni hin mormu; hin wocu; yookaan eennullee laagaa isaa raasa'atti hin dhagayu. Inni murtii dhuga'aa haga irra aansutti Ooyyaa leemmanii hin cabsu, fooyaa ibsaa jirbi'iillee hin dhaamsu. Worri Yihuudota hin ta'inillee abdii isaa hin argatan. Achiin maayessa namicha ija jaama'aa fi ka afaan duuda'aa, ka jinniin dhayeeru tokko gara Yesuusii fidan. Inni namicha san hin fayyise; namichillee argu'uu fi dubbatuu danda'e. Baniin maruu maalalfatanii, «Namni kun Ilma Daawitii ta'innaa?» jedhan. Worri Fariisotaa ammo hennaa kana dhagayan, «Inni hunna mootii jinni'ii ka Bi'eelzebul jedhamu calla'aan malee jinniiwwan hin baasu» jedhan. Yesuus yaada isaanii beekee akkana isaaniin jedhe, «Mootummaan wolitti ka'ee gar gar wol qoqqoodu maruu hin bada. Qachaan gar gar wol qoqqooddu martinuu hin jiddi. Jinniinillee yoo jinnii baase, inni ufii uf qoqqooda. Eegasuu mootummaan isaa attamiin dhaabatti ree? Eegasuu yoo ani hunna Bi'eelzebuuliitiin jinniiwwan baase, ijoolleen teessan hunna eennuutiin jinniiwwan baasan? Kanaaf ijoollema teessantu isinitti murteessa. Ani ammo yoo Ayyaana Rabbiitiin jinnii baase, jeennanni Rabbii gara keessan dhufteerti. «Yookaan namni tokko duraan dursee uduu namicha jabaa hin hiine gara mana namicha jabaa sanii seenee attamitti mi'a isaa saamuu danda'a? Haga namicha san hidheen maayessa mana isaa saamuu danda'a. Namni gara kiyya hin taane na morma. Namni na biratti wolitti hin qabanne ammo hin bittinneessa. Kanaafuu akkana isiniin jedha, Cubbuunii fi nama arrabsuun martinuu namootaa hin dhiifama. Haa ta'uu ammo ka Ayyaana Woyyuu arrabsuu hin dhiifamu. Namni Ilma Namaatiin mormee waa dubbatu hin dhiifamaaf. Namni Ayyaana Woyyu'uun mormu ammo adunyaa tana irratti yookaan adunyaa dhuftu irrattillee hin dhiifamuuf. «Munni daraaraa isaatiin waan beekkamuuf daraaraa mishaa akka qabaattaniif, muka mishaa qabaadhaa'a; muka daraaraa badaa daraaru yoo qabaattan daraaraa badaa argattan. Isin ijoollee bofaa! isin hammeeyyii taatanii attamitti dubbii mishaa dubbachuu dandeettan? waan garaa guute afaan dubbata. Namni mishaan waan mishaa garaa ufii keessaa baasa; Namni waan hamaa garaa ufii keessatti kuufate ammo, woma hamaa san uf keessaa baasa. Ani akkana isiniin jedha, namoonni waan hamaa dubbatan sanniin maraafuu guyyaa murti'ii deebii kennan. Dubbima teessaniin isinitti muran; dubbima teessaniin isinii muran.» Achiin maayessa barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonni gariin, «Barsiisaa'a! Nu akka ati malkata nutti mudhiftu barbaanna» jedhaniin. Yesuus ammo deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhaloonni hamaanii fi worri seebaran malkata soqan malkata raaga raatticha Yoonaasii malee malkanni biraa hin kennamuuf. Akkuma Yoonaasiin raattichi halkan sadihii fi guyyaa sadihii garaa qurxummii guddichaa keessa ture; Ilmi Namaa halkan sadihii fi guyyaa sadihii garaa lafaa keessa tura. Worri Nanawwe'ee guyyaa murti'ii san dhaloota kanniin woliin ka'anii isaanitti murteessan. Sababa lallaba Yoonaasiitiin waan aagii galaniif, Kunoo! ka Yoonaasiin caalu as jira! Mootittiin Azeeb guyyaa murti'ii san dhaloota kanniin woliin kaatee itti murteessiti. Ogummaa Solomoonii dhagayu'uuf daangaa lafaatii kaatee waan dhufteef kunoo ka Solomooniin caalu as jira.» Yesuus ammallee akkana jedhe, «Hennaa ayyaanni hamaan nama keessaa bayu hulee itti hara baafatu barbaadu'uuf lafa gammoojji'ii keessa deema. Garuu womaa hin argatu. Achiin maayii, ‹Ani gara mana kiyya ka keessaa bayeetitti deebi'a› jedha. Hennaa deebi'u mana duwwaa ta'ee haxaayamee bareedee qophaaye arga. Achiin maayessa ayyaanni hamaan sun deemee jinniiwwan biraa ka isa caalaa hamaa ta'an torban qabatee deebi'ee itti gale. Haalli nama saniillee ka duraa caalaa badooma. Dhaloota hamaa kanniiniifillee akkasuma ta'a.» Uduma Yesuus gumii woliin dubbata'aaru haatinii fi obboleewwan isaa isa dubbisu'uuf dhufan diida dhaabataniiran. Hennaa san namni tokko Yesuusiin, «Kunoo! haati teetii fi obboleewwan tee si dubbisuu barbaadanii diida dhaabataniiran» jedheen. Yesuus deebi'ee, «Haati tiyya eennu? obboleeyyan tiyyallee eennu fa'a?» jedheen. Achiin maayessa harka ufii gara darasootaa akeekee, «Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya kunooti! Namni fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu raawwatu maruu, obboleessa kiyyaa fi obboleettii tiyya; haadha tiyyalle'e» jedhe. Guyyaa san Yesuus manaa bayee galaana Galiila'aa bira taa'e. Gumiin hedduu isa biratti wol gayan; Yesuus yabala keessa seenee barsiisu'uuf taa'e; gumiin hedduu qarqara bisaanii dhaabataniiran. Akkana jedhee mammaakaan waan hedduu isaanitti himuu jalqabe, «Caqasaa'a! Namichi tokko sanyii facaasu'uuf baye. Inni uduu facaasu sanyiin gariin karaa keessa bu'e. Simbirroonnillee dhufanii qocatanii nyaatan. Sanyiin kuun lafa dhaga'aa ka biyyee guddaa hin qabne irra bu'e; Biyyee gayaa waan hin qabneef yoma san mute. Hennaa aduun itti baate ammo qoortee hidda gad fagaate waan hin qabneef godde. Sanyiin gariin qoree keessa bu'e; qoreen guddatee hudheen. Sanyiin kuun lafa mishaa irra bu'e; gariin dhibba, gariin jahaatama, gariin gumaa soddoma daraare. Namni Gurra dhagayu qabu haa dhagayuu» jedhe. Achiin maayessa darasoonni gara Yesuusii dhiyaatanii, «Ati maaf mammaaka kana isaanitti mammaatte?» jedhanii gaafatan. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhossaa jeennata sami'ii beekuun isinii kennameera. Isaaniif ammo hin kennamne. Ka qabuuf itti eda'amee waan kennamuuf heddu ta'aaf; ka hin qabne ammo ka qabu sunuu irraa fudhatama. Wonti ani mammaaka kana isaanitti mammaakeef waan isaan uduma laalan hin argineef, uduma caqasanuu waan hin dhageenneef; yookaan waan hin hubanneef. Maarre raanni Isaayyaas dubbate isaan irratti raawwatameera; wonti raagamellee, ‹Dhagayuu inuma dhageettan, Haa ta'uu ammo hin hubattan. laaluu inuma laaltan, Haa ta'uu ammo sirima hin argitan. Garaan banii kanaa waan jabaateef, gurri isaanii hin dhagayu, Ija ufiitiin hin dunuunfataniiran; maarre isaan ija ufiitiin hin argan, gurra ufiitiinillee hin dhagayan, qalbii ufiitiinillee hin hubatan, hin deebi'anille'e, anillee silaa isaan hin fayyisa› jedhame raawwatameera. Ijji teessan ammo waan argituuf, gurri keessanillee waan dhagayuuf isin worra eebbifame. Ani dhugamaan isiniin jedha, raattonninii fi qajeellonni hedduu waan isin argitan argu'uuf hawwanii ammo hin argine, waan isin dhageettan dhagayu'uuf hawwanii, ammo hin dhageenne. Yesuus ammallee, «Hiikkaa namicha sanyii facaasuu maal akka ta'e dhagayaa'a. Namni dubbii jeennataa dhagayee yoo hubatuu baate, akka sanyii karaa keessatti facaafamteeti. Hamtichi dhufee dubbii garaa isaa keessatti facaafame san keessaa guurata. Sanyiin dhagaa irratti facaafame, akka nama dubbii dhagayee yoma san gammachu'uun fudhatuuti. Haa ta'uu ammo inni hidda hin qabu, hennamaaf jabaata malee; sababa dubbii Rabbiitiif hennaa rakkinniinii fi ari'amuun dhufe yoma san gufata. Sanyiin qoree edduu bu'e sun nama dubbii dhagayu, ka ammo yaanni adunyaa tanaatii fi jaalalli durumma'aa isa sobee dubbii Rabbii waan hin hubanneef ka sanyii hin godhanne ta'a. Sanyiin lafa mishaa irratti facaafame sun ammo, nama dubbii Rabbii dhagayee hubatu fakkaata. Inni daraaraa hin daraara; tokko dhibba, tokko jahaatama, tokko soddoma godhata.» Yesuus mammaaka biraallee isaanitti mammaake, «Jeennanni Rabbii nama qonna ufii keessatti sanyii mishaa facaaseen wol fakkaatti. Namichi sanyii facaasee biraa lixe. Hennaa namoonni rafan ammo, diinni dhufee qamadii keessatti sinaana facaasee deeme. Qamadiin mutee hennaa biile sinaanni ammo hin mudhata. Hojjattoonni abbaa qonnaatiin, ‹Gooftaa'a! sanyii mishaa qonna kee keessatti hin facaafnee? sinaanni kun eessaa dhufe ree?› jedhaniin. Innillee deebisee, ‹Kana ka godhe diina› jedhe. Hojjattoonni, ‹Dhandhee uduu keessaa guurree ta'aa?› jedhaniin. Inni ammo deebisee, ‹Lakkaa'a sinaana hennaa guurtan qamadiin akka woliin hin buqqaane dhiisaa'a! Haga hennaa haama'aatitti woliin haa guddatuu. Hennaa haamaan gaye Ani worra haamuun, akka gubamuuf dura sinaana buqqisa'aa qixira qixira'aan hidhaa'a, qamadii ammo gootaraa kiyyatti galchaa'a› jedhaan» jedhe. Yesuus mammaaka biraa isaanitti mammaake, «Jeennanni sami'ii nama gumaa hexo'oo ka namni tokko fuudhee qonna ufii keessatti facaase fakkaatti; Isiin sanyii maraa irra hin diqqaatti; Hennaa guddatte ammo mukkiin maraa caalti. Muka dameewwan isi'ii irratti Simbirroonni dhufanii itti quphatan taati» jedhe. Yesuus ammallee mammaaka biraa isaanitti mammaake, «Jeennanni sami'ii raacitii dubartiin takka fuutee daakuu ganaa sadihiitiin wolitti mattee ta daakuu san maraa bukeessitu fakkaatti» jedhe. Yesuus mammaakaan waan kana maraa gumi'itti dubbate; mammaakaan malee waan tokkollee isaanitti hin dubbanne. Wonti raagaan, «Mammaakaan afaan saaqadha; uumamuu Adunya'aatii jalqabee waan dhokate dubbadha» ka jedhe kanaan raawwatame. Achiin maayii Yesuus gumii dhiisee mana seene. Darasoonni isaallee gara isaa dhiyaatanii, «Mammaaka sinaana qonna qamadii keessaa nuu hiiki» jedhaniin. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Ka sanyii mishaa facaasu Ilma Namaati; Maasaan biyya lafaati; sanyiin mishaan ijoollee jeennataati. Sinaanni sun ammo ijoollee hammeeyyi'iiti. Diinni sinaana facaase daabiloos. Haamaan dhuma biyya lafaati; worri haamu maleekkota Rabbiiti. Akkuma sinaanni wolitti qabamee ibiddaan gubatu, dhumti adunyaa tanaa akkasuma ta'a. Ilmi Namaa maleekkota ufii hin erga. Isaanillee worra cubbu'uuf sababa ta'anii fi worra hammeeyyii ta'an maraa jeennata isaa keessaa wolitti qaban. Hulee isaan booya'aa ilkaan itti qaran qilee ibiddaatitti isaan gatan. Hennaa san qajeellonni jeennata Abbaa ufii keessatti akka adu'uu ifan. Namni gurra dhagayu qabu haa dhagayuu. Akkasuma Yesuus, «Jeennanni sami'ii qabeenna lafa keessatti dhoffamte ka namni tokko argee deebisee dhosse fakkaatti; namichi kana argee haga dhosseen maayessa gammada'aa deemee waan qabu maraa gurguree maasaa san bitate. Yesuus ammallee akkana jedhe, «Jeennanni sami'ii daldalaa mi'a mishaa bitatu'uuf soqu fakkaatti. Daldalaan sun mi'a gatii gudda'aa takka hennaa arge deemee waan qabu maraa gurguree isii bitate.» «Ammallee, jeennanni sami'ii siiboo gara galaanaa darbamtee, qurxummii adda addaa wolitti qabdu fakkaatti. Hennaa siiboon guuttamte, isaan gara qaccee galaanaa baasan. Taa'anii qurxummii mishaa keessaa guuraniiti keeshee keessa kaayan; badaa ammo hin gatan. Hennaa dhuma adunyaa tanaa akkana ta'a. Maleekkonni dhufanii, cubbamtootaa fi qajeellota adda baasan. Hulee isaan booya'aa ilkaan itti qaran qilee ibiddaatitti gatan» jedhe. Yesuus, «Kana maraa hubattaniirtuu?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee deebisanii, «Ee» jedhan. «Kanaafuu barsiisaan seeraa ka dhossaa jeennata sami'ii sirri'itti beeku abbaa manaa ka mana ufii keessaa mi'a haarawaa fi moofaa gad baasu fakkaata.» Yesuus mammaaka kanniin haga fixeen maayessa achii ka'ee deeme. Gara biyya ufiititti deebi'ee Mana sagada Yihuudotaa seenee haga isaan isa maalalanitti isaan barsiisa'aa ture. Isaanillee, «Namichi kun oggummaa kanaa fi hunna maalalee kana ittiin hojjatu eessaa argate? Kun ilma namicha ogeessa muka bocuutii mii? Haati Maariyaam jedhamtii mii? obboleeyyan isaa Yaaqoob, Yoosaa, Simoonii fi Yihuudaa fa'aa mii? Intallan haadhaa maruu nu bira jiranii mii? Inni waan kana maraa eessaa argate?» jedhan. Kanaaf isaan isa tuffatan. Yesuus ammo isaaniin, «Raanni tokko biyya biraatitti malee biyya ufiitii fi mana ufii keessatti ulfinna hin argatu» jedhe. Sababa amanuu dhabuu isaaniitiif Inni baasa hedduu achitti hin hojjanne. Bara san bulchaan kutaa arfeesso'oo Heroodis seenaa Yesuusii dhagayee, Hojjattoota ufiitiin, «Kun Yohaannisii cuupha'atu du'aa ka'eera; kanaaf hujiin maalaleen kun isaan hojjatame» jedhe. Heroodis sababaa Heroodiyaadaa haadha manaa obboleessa ufii ta Filiphoosiitiif jedhee Yohaannisiin qabsiisee mana hidha'aatitti hiisisee ture. Yohaannis Heroodisiin «Haadha manaa obboleessa keetii fuudhuun seeraa miti» jedheenii ture. Heroodiis Yohaannisiin ajjeesisuu barbaade; gumiin ammo akka raagaatitti waan isa laalaniif sodaate. Haa ta'uu ammo guyyaa ayyaana dhaloota Heroodisii mucattiin Heroodiyaada'aa isaan jiddu'utti sirbitee Heroodisiin guddiftee gammachiifte. Kanaafuu Heroodis waan isiin isa kadhatte maraa kennu'uufiif waadaa gale. Isiinillee haadhaan gorfamtee, «Ammuma morma Yohaannisii cuupha'aa qorii keessa kaayii naa kenni» jette. Mootiinillee hin gadde; Haa ta'uu ammo waan dura kakateef namoota isa woliin jiraniif jedhee, morma Yohaannisii muranii akka isi'ii kennan ajaje. Inni nama gara mana hidha'aatitti ergee, morma Yohaannisii mursiise. Morma isaallee muranii qorii keessa kaayanii fidanii mucatti'ii kennan; Isiinillee fuutee gara haadha ufii fidde. Darasoonni Yohaannisii cuupha'aa dhaqanii reeffa isaa fidanii awwaalanii deebi'anii Yesuusitti odeessan. Yesuusillee du'a Yohaannisii hennaa dhagaye, hulee sanii ka'ee hojja ufii yabalaan gara lafa udume'ee dhaqe. Baniinillee akka inni deeme hennaa dhagayan qachaa keessaa bayanii miilaan isa faanaa deeman. Yesuus yabala keessaa bayee banii heddu argee, isaaniif gaddee dhibamtoota isaaniillee fayyise. Hennaa lafti dhiite, darasoonni gara isaa dhiyaatanii, «Lafti udume'e; hin dhiiteerti; kanaafuu gara gandootaa dhaqanii waan nyaatan akka bitatan gumii kana gad dhiisi» jedhaniin. Yesuus ammo, «Dhaquu isaan hin barbaachisu; isinuu waan nyaatan kenna'aaf!» isaaniin jedhe. Isaanillee deebisanii, «Nu xoroshoo shanii fi qurxummii lamaa malee, womaa asii hin qabnu» jedhaniin. Yesuus, «Sanuma as fidaa'a!» isaaniin jedhe. Achiin maayessa inni gumiin marga irra akka taa'an ajaje. Xoroshoo shanii fi qurxummii lamaa fuudhee, gara sami'ii ol laalee, galatoonfatee xoroshoo caccabsee darasootatti kenne; darasoonnillee gumi'iif kennan. Gumiin martinuu nyaatanii quufanii hambaa irraa hafe xoroshoo masoobii kudha lama guutuu fuudhan. Worri nyaate dubarti'ii fi ijoolleen uduu hin laakkayamin dhiirti callaan kuma shan. Yesuus uduu gumii geegessa'aaru darasoonni isaa yabala keessa seenanii gara gamaa akka isa firrisanii bayan isaanitti hime. Yesuus haga gumii geegesseen maayii faateffachu'uuf hojjuma ufii gara gaaraa ol baye. Hennaa galgaloofte inni hojjuma ufii achi ture. Hennaa san yaballi uduu galaana edduu deema'aartu bubbeen waan gara afo'ootiin bubbisa'aa tureef dambali'iin asii fi achi raafamte. Halkan keessa gara iyya lukkuu lammeesso'oo Yesuus galaana irra deema'aa gara isaanii dhufe. Darasoonni isaa uduu inni galaana irra deemu arganii bararraaqanii, «Kun ekera'a» jedhanii sodaatanii iyyan. Yesuus ammo hennama san, «Anaa, jabaadhaa'a! hin sodaatinaa'a!» jedhee dubbate. Pheexroosillee deebisee, «Gooftaa'a! yoo si taate gara kee bisaan irra akka dhufu na ajaji» jedheen. Yesuus deebisee, «Koottu!» jedheen. Kanaafuu Pheexroos yabala keessaa bu'ee gara Yesuusii dhaqu'uuf bisaan irra deeme. Haa ta'uu ammo hennaa hunna bubbe'ee arge sodaatee liqimfamuu jalqabee jennaan, «Gooftaa'a! na oolchi!» jedha'aa iyye. Yesuus yoma san harka ufii hiixatee isa qabee, «Ati bada nama amantii dhidhu'uu! Maaf mamte?» jedheen. Hennaa Yesuusii fi Pheexroos yabala keessa seenan qilleensi cadhise. Worri yabala keessa turan, «Dhugamaan ati Ilma Rabbiiti» jedhanii sagadaniif. Yesuusii fi darasoonni isaa gama ceeyanii lafa Gensaareexi jedhamtu gayan. Worri hulee san jiran haga Yesuusiin ta'uu beekan, gara biyya naannaya isaanii jiran marattuu erganii dhukkubsattoota maraa gara isaa fidan. Qaccema uffata isaa callaa tuqanii fayyu'uuf isa kadhatan. Worri isa tuqe maruu hin fayye. Achiin maayessa Fariisotaa fi barsiisonni Seera Muuse'ee Yerusaalemii gara Yesuusii dhiyaatanii, «Darasoonni kee maaf aadaa manguddootaa hin kabajjine? isaan hennaa xoroshoo nyaatan harka ufii hin dhiqatan!» jedhaniin. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Isin aadaa keessaniif jettanii maaf seera Rabbii kabajjuu diddan? Rabbi, ‹Abbaa keetii fi haadha tee kabajji!› akkasuma, ‹Namni abbaa ufii yookaan haadha ufii arrabsu horomaa du'uu barbaachisa!› jedhee seere. Isin ammo, ‹Namni tokko abba'aan yookaan haadhaan, gargaarsi isin na biraa argata'aa turtan Rabbiif kenneera yoo jedheen, inni abbaa fi [haadha ufii] kabajjuu hin barbaachisu› jettan; aadaa teessaniif jettanii seera Rabbii diiddan. Isin fakkeessitoota! Isaayyaas waan keessan raagee, ‹Baniin kun afaaniin na kabajja, garaan isaanii ammo na irraa guddaa fago'o; Baniin kun ajaja namaa akka seera Rabbiititti barsiisa'aa, ufii ammo, duwwama na waaqeffatan› ka jedhe dhuga'a» jedhe. Achiin maayessa Yesuus gumii gara ufii waamee, «Dhagayaa'a, hubadhalle'e: Wonti nama batteessu waan afaan namaa keessaa bayu malee waan gara afaan namaa seenuu miti» isaaniin jedhe. Achiin maayessa barattoonni gara isaa dhufanii, «Worri Fariisotaa waan ati jette haga dhagayan akka gufatan beettaa?» jedhaniin. Yesuus ammo deebisee, «Biqiltuun Abbaan kiyya ka sami'ii hin dhaabne maruu hin buqqa'a. Waan isaanii dhiisaa'a; isaan worra ijaan hin argine ka worra ijaan hin argine masakku. Namni ijaan hin argina nama ijaan arguu hin dandeenne yoo masakke lamaanuu wol qabatanii boollatti badan» jedhe. Pheexroos ammo deebisee, «Mammaaka kana nuu hiiki» jedheen. Achiin maayessa Yesuus akkana jedhe, «Isinillee haga ammaa worra qaabii hin qabnee? Wonti gara afaanii seenu maruu gara gara'aa gad lufee nafa namaa keessaa akka bayu hin argitanii? Wonti afaan keessaa bayu ammo garaa keessaa waan bayuuf ka nama batteessu isa. Sababaanillee garaa keessaa yaanni hamaan, ajjeesuun, seebaruun, hatuun, sobaan ragaa bayu'uu fi arrabsuu, kanniin fa'atuu baya. Wonti nama batteessu waan kana malee, uduu harka hin dhiqanne nyaatuun nama hin batteessu» jedheen. Yesuus achii bayee gara biyya Xiroosii fi Siidoonii deeme. Achiin maayessa dubartiin biyya Kana'aanii takka hulee sanii dhuftee, «Ilma Daawitii! Gooftaa'a! Mucattii tiyya jinniin dhayee waan rakkata'aartuuf naa fayyisi» jedha'aa iyyite. Inni ammo womaa isi'ii hin deebifne. Darasoonni isaallee dhufanii, «Isiin waan iyya'aa nu duukaa deema'aartuuf isii uf irraa geegessi!» jedha'aa isa kadhatan. Yesuus deebisee, «Ani banii Israa'eelii ta akka hoolotaa baddeef malee ta biraatiif hin ergamne» jedhe. Isiin ammo dhuftee isa afo'otti jilbiiffattee, «Gooftaa'a! na gargaar» jettee sagaddeef. Yesuus deebisee, «Hurbaata ijoolle'ee fuudhanii sariinii darbuun hin ta'u» jedhe. Isiin deebitee, «Ee; Gooftaa kiyya! sareenillee woma qorii Gooftaa isaanii irraa harca'u nyaatti» jette. Achiin maayessa Yesuus deebisee, «Dubartii nana, amantiin kee gudda'a! Akkuma hawwii keetii sii haa ta'u» jedheen. Mucattiinillee yoma san fayyite. Yesuus galaana Galiila'aa bira lufee gaara irra bayee achi taa'e. Gumiin hedduu naaftota, worra ijaan hin argine, worra duudotaa fi worra biraallee heddu qabatanii gara isaa fidanii luka Yesuusii jala kaayan. Innillee isaan fayyise. Kanaafuu worri duudaan hennaa dubbatan, dundumoonni hennaa fayyan, worri hokkolan hennaa deeman, worri ijaan hin argine hennaa argan maalalfatanii Waaqa Israa'elii galatoonfatan. Achiin maayii Yesuus darasoota gara ufii waamee, «Gumiin kun guyyaa sadihii waan na woliin tureef, waan nyaatan hin qaban. Kanaafuu isaan garaa na nyaatan; Karaa irratti akka hin dadhabne qooqa isaan gad dhiisuu hin barbaadu» isaaniin jedhe. Darasoonni, «Lafa udume'ee kana keessatti xoroshoo banii haganaa kana quubsu eessaa fuuna?» jedhaniin. Yesuus, «Xoroshoo meeqa qabdan?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Xoroshoo torbaa fi qurxummii didiqqoo qabna» jedhaniin. Yesuus gumii marga irra akka taa'an ajaje. Achiin maayii xoroshoo torbaa fi qurxummii fuudhee galatoonfatee cabsee darasootatti kenne. Darasoonni gumi'ii kennan. Isaan maruu nyaatanii quufanii hambaa hafe gindoo torba guutuu kaasan. Laakkobsi worra nyaatanii dubartootaa fi ijoolleen uduu hin laakkayamne dhiirti callaan kuma afur. Yesuus haga gumii geegesseen maayessa yabala keessa seenee gara biyya Magedoolii dhufe. Worri Fariisotaatii fi worri Saduuqootaa gara Yesuusii dhufanii, «Samii irraa malkata nutti mudhis» jedhanii Isa kadhatan. Inni ammo deebisee akkana isaaniin jedhe, «Hennaa lafti dhiye Samiin waan addaatteertuuf ‹birraa ta'a› jettan. Obboroo yoo samiin duumessaayee gurraachate, ‹adha hin rooba› jettan, bifa sami'ii laaltanii attam akka ta'e himuu hin beettan. Malkata baraa attam akka ta'e himuu hin dandeettanii? Dhaloonni hamaanii fi seebaraan malkata barbaada; malkata raatticha Yoonaasii malee malkanni biraa hin kennamuuf» isaaniin jedhe. Achiin maayessa Yesuus isaan dhiisee deeme. Darasoonni hennaa galaana gama ceeyan dhalee qabachuu irraanfatan. Yesuus, «Beekkadhaa'a! raacitii worra Fariisotaatii fi Saduuqootaa irraa uf eeggadhaa'a» isaaniin jedhe. Isaan, «Waan nu dhalee hin qabneef akkana jedha» woliin jedhan. Yesuus yaada isaanii beekee akkana isaaniin jedhe, «Isin worra amantii dhidhu'uu; maaf waan dhalee dhabuu keessanii woliin qaaxxan? Haga ammaa hin hubannee? Xoroshoon shanii namoota kuma shaniif gayee hambaa masoobii meeqa akka kaaftan hin qaabattanii? Yookaan Xoroshoon torbaa namoota kuma afurii gayee hambaa masoobii meeqa akka kaaftan hin qaabattanii? raacitii Fariisotaatii fi Saduuqootaa irraa akka uf eeggattan ka jedhe waan xoroshoo attamii akka ta'e attamitti hin hubanne?» Achiin maayessa isaan barumsa Fariisotaatii fi Saduuqootaa malee xoroshoo raacitii irraa akka uf eeggattan akka isaaniin hin jenne hennaa san qaabatan. Yesuus gara qachaa Qisaariyaa Filiphoosii hennaa gaye darasoota ufiitiin, «Namoonni Ilma Namaatiin eennu jedhan?» jedhee gaafate. Isaan deebisanii, «Gariin, ‹Yohaannisii Cuupha'a› worri kuuwwan, ‹Eeliyaas› kuuwwan ammo, ‹Ermiyaas› yookaan ‹raattota durii keessaa tokko ta'a› siin jedhan» jedhaniin. Inni deebisee, «Isin hoo eennu naan jettan?» isaaniin jedhe. Hennaa san Simoon Pheexroos, «Ati Kiristoosii Ilma Rabbii jiraata'aati» jedheen. Yesuus deebisee akkana isaan jedhe, «Ilma Yoona'aa Simoon! kana ka sii ibse Abbaa kiyya ka sami'ii malee namni kana waan sii hin ibsineef ati eebbifama'a. Ani akkana siin jedha, ati Pheexroos, dhagaa siida'aa kana irratti woldaa tiyya ta Kiristaanaa ijaara. Hunni du'aallee isii hin injifatu. Ani Bantuu jeennata sami'ii sii kenna. Wonti ati lafa irratti hiite maruu sami'ittillee ka hidhame ta'a. Ka ati lafa irratti hiittu maruu sami'ittillee hin hiikkama» jedhe Achiin maayii Yesuus Kiristoosiin akka ta'e eennuttillee akka hin himne darasoota ufii jabeessee seere. Hennaa san irraa jalqabee Yesuus darasoota ufiititti, «Ani gara Yerusaalemii dhaqa; achitti harka manguddootaatitti, harka mootota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti guddisee rakkadha; hin ajjeefama; guyyaa sadeesso'ootitti ammo hin ka'a» jedhee himuu jalqabe. Pheexroos hojjatti achi isa baasee, «Gooftaa kiyya wonti kun horoma si irratti hin ta'in» jedhee teedeffatuu jalqabe. Inni ammo gara galee Pheexroosiin, «Ati seexana! asii deemi! Ati waan namaa malee, waan Rabbii waan hin yaanneef gufuu natti taateerta» jedheen. Achiin maayessa Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Ka ana faanaa deemuu fedhu yoo jiraate uf haa waakkatuu, fannoo ufii baatee na faanaa haa deemuu.» Namni lubbuu ufii hambisuu fedhe maruu hin balleeffata; ka anaaf jedhee lubbuu ufii dhabu maruu hin argata. Namni yoo bu'aa adunyaa tanaa maraa argate, lubbuu ufii ammo yoo balleeffate maal isaa godha? yookaan namni gatii lubbuu ufiitiif maal kenna? Ilmi namaa maleekkota ufii woliin ulfinna Abbaa ufiitiin hin dhufa; achiin maayessa maraafuu akka hujii isaatitti gatii isaa kennaaf. Ani dhugamaan isiniin jedha, worra as dhaabatan kanniin keessaa namoonni gariin hennaa Ilmi Namaa ulfinna jeennata ufiitiin dhufu worri hin duune hin jiran» jedhe. Guyyaa jahaan maayessa Yesuus Pheexroosiin, Yaaqoobii fi obboleessa Yaaqoobii Yohaannisiin hojja isaanii qabatee gara gaara dheera'aatitti ol isaan baase. Innillee isaan afo'otti jijjiirame; fuulli isaa akka adu'uu ife; uffanni isaa adii weeccaa ta'e. Hennama san dimmaa Muuseenii fi Eeliyaas Yesuusiin woliin uduu dubbatan argan. Achiin maayessa Pheexroos deebisee Yesuusiin akkana jedhe, «Gooftaa kiyya! as jiraachuun nuuf misha'a; yoo fedha kee ta'e asitti daasee sadihii tokko si'iif, tokko Muuse'eef, tokko ammo Eeliyaasiif haa ijaarruu» jedheen. Uduma inni kana dubbata'aaru, duumessi ifaa isaan golge. Duumessa san keessaan laagaan, «Ilmi kiyya ka ani itti gammaduu fi jaaladhu kanaa isa dhagayaa'a» jedhu dhufe. Darasoonni isaa guddisanii waan sodaatanii turaniif kana dhagayanii nayanii isa afo'otti gad kufan. Yesuus gara isaanii dhiyaatee harkaan isaan tuttuqee, «Ka'aa; jabaadhaa'a; hin sodaatinaa'a!» isaaniin jedhe. Isaanillee ol jedhanii yoo laalan Yesuusiin malee nama tokkollee hin argine. Hennaa gaaraa gad bu'an Yesuus, «Ilmi namaa haga du'aa ka'utti waan argitan kana eennuttillee hin himinaa» jedhee isaan seere. Darasoonni isaa, «Eegasuu barsiisoonni Seera Muuse'ee duraan dursee Eeliyaas dhufuu barbaarchisa maaf jedhan ree?» jedhanii isa gaafatan. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Eeliyaas waan maraa hule'etti deebisu'uuf firrisee dhufa. Ani ammo akkana isiniin jedha; Eeliyaas duraanuu dhufeera; namoonni isa hin beenne, akkuma fedha isaanii isa godhan. Maarre Ilmi Namaallee harka isaaniititti hin rakkata» isaaniin jedhe. Hennaa san darasoonni akka Yesuus waan Yohaannisii cuupha'aa isaanitti hime qaabatan. Gara gumi'ii hennaa deebi'an namichi tokko dhufee, Yesuusiin afo'otti jilbiiffatee, «Gooftaa'a, mucaa kiyya naa fayyisi; inni dhukkuba gaggabdo'oo waan qabuuf guddisee rakkata'aara; hennaa hedduu ibiddaa fi bisaan keessatti kufa. Ani gara darasoota keetii isa fide, isaan ammo isa fayyisuu hin dandeenne» jedheen. Yesuus deebisee, «Isin dhaloota daba'aa fi worra hin amanne nana! Haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isinii obsa? mucaa gara kiyya fidaa'a!» jedhe. Yesuus jinnii san teedeffatee mucaa keessaa baase; mucaan hennama san irraa jalqabee fayye. Achiin maayessa darasoonni isaa hojja ufii gara Yesuusii dhufanii, «Nu maaf jinnii baasuu dadhabne?» jedhaniin. Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, «Sababaa amantiin keessan diqqaateef malee ani dhugamaan isiniin jedhaa, uduu amantii diqqoo haga gumaa heexo'oo qabaattanii gaara kanaan, ‹Asii ka'ii achi deemi!› yoo jettan inni hin deema; Wonti isiniif hin danda'amne hin jiru. Jinniin akkanaa kun kadha'aa fi soomaan malee hin bayu» isaaniin jedhe. Hennaa Galiilaa keessa deddeebi'an Yesuus, «Ilmi Namaa harka namootaatitti dabarfamee kennama, isaanillee isa ajjeesan; guyyaa Sadeesso'oo du'aa hin ka'a» isaaniin jedhe. Darasoonni guddisanii gaddan. Yesuusii fi darasoonni isaa hennaa Qifirnaahoomiin gayan worri gibira mana woyyu'uu guuran gara Pheexroosii dhufanii, «Barsiisaan keessan gibira mana woyyu'uu hin kaffaluu?» jedhaniin. Pheexroos, «Ee, hin kaffala» isaaniin jedhe. Pheexroos gara manaa dhufee uduu isatti hin dubbanne Yesuus dursee, «Simoon, maal sitti fakkaata? Mootonni biyya lafaa qaraxa yookaan gibira eennuun irraa guuran? Nama biyya ufii irraa moo nama biyya biraa irraa guuran?» jedhee isa gaafate. Pheexroos deebisee, «Nama biyya biraa irraa guuran» jedheen. Yesuus deebisee, «Namni biyya isaanii bilisa ta'a kaa! Haa ta'uu ammo akka isaanitti gufuu hin taane, gara galaanaa deemiitii siiboo gara galaanaa darbi qurxummii dura qabde afaan isi'ii hennaa bante meetii keessatti argitaa; meetii san fuudhii Naa fi ufiillee kaffali!» jedheen. Hennaa san darasoonni isaa gara Yesuusii dhufanii, «Jeennata sami'ii keessatti ka maraa caalu eennuun ta'inna laata?» jedhaniin. Inni daa'ima tokko waamee afoo isaanii dhaabsisee akkana jedhe, «Ani dhugamaan isiniin jedha, deebitanii yoo akka daa'ima kanaa hin taane, jeennata sami'ii horoma hin galtan. Eennullee ka akka daa'ima kanaatitti ka gad uf qabu jeennata sami'ii keessatti ka maraa caalu ta'a. Eennullee ka daa'ima akkasii maqaa kiyyaan simatu maruu na simata. Worra natti amanan didiqqaa kanniin keessaa ka tokko gufachiisu maruu dhagaan daaku'uu guddaan morma isaatitti hidhamee gara qilee galaanaatitti gatamuu isaa woyyaa. Biyyi lafaa waan nama gufachiiftuuf isii aanne'e! Wonti gufachiisu dhufuu hin oolu; haa ta'uu ammo ka nama gufachiisuuf aanne'e! Harki kee, yookaan lutti tee yoo ka si gufachiiftu taate uf irraa kutii gati. Harka lamaan yookaan luka lamaan qabaattee gara asaaba bara baraatitti gatamu'uu mannaa, hokkolaa yookaan dundumaa taatee jireennaa galuu sii woyya. Ijji tee yoo si gufachiifte uf keessaa baasii gati; ija lamaan qabaattee gara ibidda asaabaatitti gatamu'uu mannaa, ija takkattii qabaattee jeennata galuu sii woyya. Yesuus, «Ani isinitti hima, maleekkonni Rabbii ta sami'ii, ta isaan eeddu hennaa maraa fuula Abbaa kiyya ka samii jiruu waan arganiif daa'imman didiqqaa kanniin keessaa tokkollee akka hin tuffanne uf eeggadhaa'a» isaaniin jedhe. [ Ilmi Namaa worra bade fayyisu'uuf dhufe.] Maal isinitti fakkaata? Namni tokko uduu hoolota dhibbaa qabaatee isaan keessaa takkattiin yoo jalaa badde, sagaltamii sagal gaara irratti dhiisee ta badde san hin soquu? Ani dhugamaan isiniin jedha, inni yoo argate ta hin badin sagaltamii sagal caalaa itti gammada. Akkasuma didiqqaa kanniin keessaa tokko akka badu fedhii Abbaa keessan ka Sami'iitii miti. «Yoo obboleessi kee si yakke, dhaqiitii hulee isin lamaan callaan jirtanitti yakka isaa itti himi; inni yoo si dhagaye obboleessa kee godhadhu. Inni yoo si hin dhageenne ammo murtiin maruu ragaa nama lamaatiin, yookaan sadihiitiin waan mirkanaayuuf deebi'iitii nama tokko, yookaan nama lamaa qabadhuu bira dhaqi. Inni yoo isaanillee dhagayuu dide Woldaa Kiristaanaatitti himi; Woldaa Kiristaanaallee yoo dhagayuu dide, akka nama hama'aatii fi nama cubbama'aatitti laakkayiin. «Ani dhugamaan isiniin jedha, wonti isin lafa irratti hiitan maruu sami'ittillee ka hidhame ta'a. Wonti isin lafa irratti hiittan maruu sami'ittillee hin hiikkama. Ammallee ani akkana isiniin jedha, isin keessaa namni lamaa biyya lafaa irratti woma kamiifuu wolii galanii yoo Waaqa kadhatan, Abbaan kiyya ka samii jiru waan isaan kadhatan san isaanii godha. Hulee namoonni lamaa yookaan sadihi ta'anii maqaa kiyyaan wol gayanitti ani isaan woliin jira» jedhe. Achiin maayessa Pheexroosi gara Yesuusii dhiyaatee, «Gooftaa'a! obboleessi kiyya yoo na yakke hennaa meeqa dhiisaaf? hennaa torbaa?» jedheen. Yesuus deebisee, «Ani torbaatama hennaa torbaati siin jedha malee hennaa torba calla'a siin hin jedhu» jedheen. «Waan kanaaf jeennanni sami'ii mootii herrega hojjattoota isaa irra jiru herregatu'uuf barbaade tokko fakkaatti. Inni hennaa herreguu jalqabe nama inni gatii miliyoona hedduu irraa qabu tokko itti fidan. Inni waan kaffalu dhabnaan, gooftaan isaa inni, haadha manaa ufii, ijoollee ufiitii fi waan qabu maraa woliin gurguramee gatiin akka kaffalamu ajaje. Maarre hojjataan sun luka isaa jalatti kufee, ‹Naa obsi; waan maraa sii kaffalaa› jedhee kadhate. Gooftaan hojjataa sanii gaddee, gatii isaallee dhiiseefii, akka deemuuf gad isa dhiise. Hojjataan sun ammo achii bayee hojjattoota keessaa hiriyyaa ufii ka gatiin birrii dhibbaa irra jiru tokko argee, ‹Gatii kiyya naa kaffali› jedhee hudhee isa qabe. Achiin maayessa hojjataan akka isaa sun gad kufee, ‹Naa obsi ani maraa sii kaffalaa› jedhee isa kadhate. Inni ammo hin barbaanne; kanaafuu qabee haga gatii kaffaluufiif mana hidha'aatitti hiisiseen. Worri hiriyyaa isaa waan inni godhe kana arganii guddisanii gaddanii dhaqanii waan inni godhe maraa gooftaa ufiititti himan. Achiin maayessa gooftaan isaanii isa waamsisee, ‹Ati hojjataa hamaa'a! Waan na kadhatteef gatii san maraa sii dhiise. Akka ani sii dhiise hojjataa hiriyyaa kee ta'e sanii hin dhiiftuu?› jedheen. Gooftaan isaallee aaree, haga gatii isa irra jiru maraa kaffaluufiif worra isa rakkisutti dabarsee isa kenne. Maarre isin keessaa gari gariin obboleessa ufiitiif gara'aan yoo dhiisu'uufii dhabaate Abbaan kiyya ka sami'iillee akkasuma isin irratti godha» isaaniin jedhe. Yesuus haga waan kana raawwateen maayessa Galiilaa deemee, gara godina Yihuuda'aa Yoordaanosiin gama dhaqe. Gumiin hedduu isa faana deeman; Innillee achumatti isaan fayyise. Worri Fariisotaa gariin gara Yesuusii dhufanii isa qoru'uuf, «Namni tokko sababaa kamiinuu haa ta'uu haadha manaa ufii gad dhiisuun seeraa?» jedhanii isa gaafatan. Yesuus deebisee, «Rabbi jalqaba ‹Dhiiraa fi dubartii› taasisee isaan uume.» « ‹Kanaafuu namni abba'aa fi haadha ufii hin dhiisa; haadha manaa ufiitiin wol ta'a; lamaanuu foon tokko ta'an› ka jedhu hin dubbifnee? Maarre isaan ammaa achi foon tokko malee, lamaa miti. Kanaaf waan Rabbi tokko godhe namni addaan hin baasin.» jedhe. Isaanillee, «Eegasuu Muuseen, ‹abbaan manaa woraqata hiikka'aa kenneefii akka isii hiiku› maaf ajaje ree?» jedhaniin. Yesuus deebisee, «Sababa mata jabeenna keessaniitiif Muuseen akka isin haadha manaa teessan hiittan isin hoffolche malee, dur akkasii miti» jedheen. Ani ammo akkana isiniin jedha, «Yoo isiin seebarte malee, namni haadha manaa ufii hiikee ta biraa fuudhu maruu hin seebara.» Darasoonni isaa deebisanii, «Wonti abbaa manaatii fi haadha manaa yoo akkana ta'e, fuudhaa fi heeruma dhiisuu woyya.» jedhaniin. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Wonti kun worra kennameef malee, nama maraafii miti.» «Gadaamessa haadhaa keessatti hormaata dhalootaa uduu hin qabaatin worri dhalatan hin jiran. Gariin ka harka namaatiin muramellee hin jira. Worri jeennata sami'iitiif jedhanii akka hormaata dhalootaa hin qabnee uf taasisanillee hin jiran. Ka akkas ta'uu barbaadu haa ta'uu» isaaniin jedhe. Achiin maayessa harka isaan irra kaayee akka Waaqa kadhatuuf daa'imman gara isaa fidan. Darasoonni isaa ammo daa'imman teedeffatan. Yesuus ammo, «Jeennanni sami'ii ta worra akkasii waan taateef ijoolleen gara kiyya haa dhufanii hin dhoogginaa'a» jedhe. Inni harka ufiitiin ijoollee qaqqabee achii ka'ee deeme. Achiin maayessa namni tokko gara Yesuusii dhufee, «Barsiisaa'a! jireenna bara baraa argachuuf wonti mishaan ani godhuu na barbaachisu maali'i?» jedheen. Yesuus deebisee, «Waan hujii misha'aa maaf na gaafatta? Mishaan tokkochuma; yoo jireenna sanitti galuu feete ammo ajaja eegi» jedheen. Dargaggeessillee, «Ajaja kamiin?» jedheen. Yesuus deebisee, « ‹Hin ajjeesin; hin seebarin; hin hatin; sobaan ragaa hin bayin; Abbaa fi haadha tee kabajji; goshoo kee akka uf jaalattutti jaaladhu› ka jedhu sanniin fa'a» jedheen. Dargageessillee deebisee, «Ani seerran kanniin maraa daa'imummaa kiyya irraa jalqabee eegeera; amma ammo maaltu na irraa dhidhata? jedheen. Yesuus deebisee, yoo guutuu ta'uu feete deemii waan qabdu maraa gurgurii meetii hiyyeeyyi'ii kenni; samii irratti durummaa argattaa; achiin maayessa koottuu na faana deemi» jedheen. Dargaggeessi sun hennaa dubbii kana dhagaye qabeenna hedduu waan qabuuf gadda'aa deeme. Achiin maayessa Yesuus darasoota ufiitiin, «Ani dhugamaan isiniin jedha, dureeyyiin jeennata sami'iititti galuun guddisee rakkisa'a. Ammallee ani isinitti hima, dureessi jeennata Rabbii galuu irra, gaalli qaawa limmo'oo keessa hulluuqu'utu salphata» jedhe. Darasoonni isaa hennaa waan kana dhagayan guddisanii maalalanii, «Eegasuu eentu fayyuu danda'a ree?» jedhan. Yesuusillee gara isaanii laalee, «Wonti kun namaaf hin danda'amu; Rabbiif ammo maruu hin danda'ama» isaaniin jedhe. Achiin maayessa Pheexroos deebisee, «Kunoo nu woma maraa dhiifnee si faanaa deemneerra; eegasuu nu maal arganna ree?» jedheen. Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama isinitti hima, isin worri na faanaa deemtan biyya lafaa ta haarawa dhuftutti hennaa Ilmi Namaa teessoo ulfinna ufii irra taa'u, isinillee ammo teessoo ulfinnaa kudha lama irra teettanii gosa Israa'elii kudha lamatti murteessitan. Namni maqaa kiyyaaf jedhee mana, yookaan obboleessa, yookaan obboleettii, yookaan Abbaa, yookaan haadha, yookaan ijoollee, yookaan qonna ufii dhiise maruu dachaa dhibbaa hin argata; jeennatallee hin gala. Hedduun isaanii ka duraa duuba; ka maayessaa ammo dura ta'a. «Jeennanni sami'ii nama maasaa woyinii ufiitiif hojjattoota qaxaru'uuf obboro'oon baye fakkaatti. Saantibii guyyaa tokkootiin haga wolii galeen maayessa gara maasaa woyinii ufiititti isaan erge. Sa'aatii sadihitti bayee namoota biraa worra hujii hin qabne ka raasaa dhaabata'aaran arge; Inni isaaniin, ‹Maasaa woyinii kiyyaa dhaqa'aatii hojjadhaa'a! Waan isin barbaachisu ani isinii kennaa› isaaniin jedhe. Isaan achi dhaqan. Inni gara sa'aatii jahaatii fi gara sa'aatii sagaliitittillee bayee akkasuma godhe. Gara sa'aatii kudha tokkootitti bayee namoota biraa ka dhaabataniiran argee, ‹Maaf guyyaa guutuu hujii malee as dhaabattan?› isaaniin jedhe. Isaan, ‹Nama nu qaxaru waan dhabneef as dhaabata'aarra› jedhaniin. ‹Inni ammo gara maasaa woyinii kiyyaa dhaqa'aa hujaa'a; waan isin gayu argattanii.› isaaniin jedhe. Hennaa aduun dhiite abbaan maasaa woyinii sanii ajajaa hojjattootaatiin, ‹Hojjattoota waamiitii, worra maayessa qaxarame irraa haga worra dura qaxarameetitti mindaa isaanii kaffaliif› jedheen. Worri gara sa'aatii kudha tokkeesso'ootitti hujii galanillee dhufanii marti isaaniituu mindaa guyyaa tokkoo fudhatan. Worri duraan qaxaraman hennaa dhufan, waan isaan caalaa guddaa fudhatan seeyan; isaan ammo mindama guyyaa tokkoo fudhatan. Haga fudhataniin maayessa abbaa maasaa woyini'ii irratti guunguman. ‹Hojjattoonni duuba irra qaxaraman sa'aatii tokko callaa hujan; ati ammo nu worra aduu keessatti gubata'aa dadhaba'aa oolleen nuun wol qixxeessita› jedhanii abbaa maasaa woyini'iititti guunguman. Inni deebisee isaan keessaa tokkochaan akkana jedhe, ‹Jaalalloo kiyya! si hin yakkine, gatii guyyaa tokkootiin wolii hin gallee? Ani ka maayessaa kanaallee akkuma sii kenne kennu'uufii fedha; gayaa kee fudhadhuutii deemi; ani horii kiyyaan waan fedhe godhuu hin danda'uu? Yookaan ati waan ani arjoomeef hinaaftaa?› jedhe. Achiin maayessa Yesuus, «Worri maayessaa afoo'o; worri afo'oo maayessa ta'an; worri waamame heddu, worri filatame ammo hago'o» jedhe. Yesuus uduu gara Yerusaalemii deema'aaru karaa irratti hojja isaanii darasoota gara ufii waamee, «Kunoo! nu gara Yerusaalemii baya'aarra; ilmi namaa bulchoota gadootaatii fi barsiisota seeraatitti dabarfamee kennama; isaan murtee du'aa itti murteessan. Achiin maayessa isaan itti baldan; hin dhaanan; akka isa fannisaniif worra Yihuudota hin ta'initti dabarsanii isa kennan. Guyyaa sadeesso'ootitti du'aa hin ka'a.» isaaniin jedhe. Achiin maayessa haati ijoollee Zabdewoosii ijoollee ufii woliin gara Yesuusii dhuftee isa afo'otti jilbiiffattee waan tokko akka isi'ii godhuuf isa kadhatte. Yesuus, «Maal barbaadda?» jedheen. Isiin, «Ijoollee tiyya lamaan tanniin jeennata kee keessatti tokko mirgaan; tokko bita'aan akka taa'an naa godhi» jetteen. Yesuus ammo deebisee, «Isin waan kadhattan hin beettan; mijuu rakko'oo ta ani dhugu'uuf ta'u dhuguu'u; cuuphama ani cuuphamu'uuf ta'u cuuphamuu dandeettuu?» jedhe. Isaan, «Ee hin dandeenna!» jedhanii deebisaniif. Yesuus, «Mijuu ani dhugu ima dhuddan; cuuphaa ani cuuphamullee ima cuuphamtan; ka mirgaa fi bitaa kiyya teessisu ammo anaa miti; huleen kun ka worra qophaayeef kennamu» isaaniin jedhe. Darasoonni kudhanii hennaa waan kana dhagayan obboleeyyan lamaan sanitti aaran. Yesuus ammo gara ufii isaan waamee akkana isaaniin jedhe, «Bulchoonni worra Yihuudota hin taane worra bulchan irratti, gugurdoonni worra isaan bulchan irratti baallii qaban akka mudhisan hin beettan. Isin biratti akkasii miti; isin keessaa ka guddaa ta'uu fedhu hojjataa keessan haa ta'uu. Isin keessaa ka afoo ta'uu fedhu, hojjataa keessan haa ta'uu. Akkasuma ilmi namaa lubbuu ufii kennee nama maraa furu'uuf dhufe malee akka isa tajaajilaniif hin dhufne» jedhe. Yesuus hennaa Iyyaariko'oo bayee deemu, gumiin hedduu isa faanaa deeman. Namoonni ija jaama'aa lamaan uduu karaa irra taa'aniiran akka Yesuus karaa san irra lufa'aaru dhagayanii, «Gooftaa! Ilma Daawitii! nu fayyisi» jedha'aa iyyan. Gumiin akka isaan cadhisan teedeffatan; isaan ammo ittuma caalchisanii laagaa gudda'aan, «Gooftaa'a! Ilma Daawitii! nu fayyisi!» jedha'aa iyyan. Yesuus dhaabatee isaan waamee, «Maal akka isinii godhu barbaaddan?» isaaniin jedhe. Isaan deebisanii, «Gooftaa'a! ijji teenna akka banamtu barbaanna!» jedhaniin. Yesuus waan isaan garaa isa nyaataniif, ija isaanii qaqqabe. Yoma san ijji isaanii banamtee isaanillee isa faanaa deeman. Yesuusii fi darasoonni akkuma Yerusaalemitti dhiyaataniin gaara Ejersaatitti hulee Beetafaagee jedhamtu gayan, Yesuus darasoota ufii keessaa nama lamaa akkana jedhee isaan erge. «Gara ganda isin afoo jirtuu dhaqaa'a; achitti harree ilmoo woliin hidhamteertu takka hin argitan; hiika'aa naa fidaa'a. Eennullee yoo waa isiniin jedhe, ‹Goofta'atu barbaada; inni uduu hin turin deebisa› jedhaa'a» isaaniin jedhe. Wonti raattichi raage akka raawwatamuuf kun ta'e; wonti raattichi raage, «Intala Xiyooniitiin, ‹Kunoo, mootiin kee gad uf qabee, harre'ee fi ilmoo harre'ee irra taa'ee, gara kee dhufa'aara› jedha'aan» ka jedhu. Darasoonni dhaqanii akkuma Yesuus isaan ajaje godhan; Isaan harree sanii fi ilmoo harre'ee san fidanii uffata ufii irra kaayan; inni irra taa'e. Gumiin guddaan uffata ufii karaa irratti afan; kuuwwanillee baala mukaa cira'aa karaa irratti afa'aa turan. Gumiin afo'oo fi duuba isaatiin deeman iyya'aa, «Hosaanaa Ilma Daawitiitiif Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame! Hosaanaa samii irratti!» jedha'aa turan. Yesuus hennaa Yerusaalem seene qachaan guutuun raafamee, «Kun eennu?» jedhan. Gumiin isa woliin deema'aaran, «Kun Yesuusii raatticha qachaa Naazireetii ka lafa Galiila'aa keessatti argamuu dhufe» jedhan. Yesuus gara mana woyyu'uu seenee namoota mana woyyuu keessatti bitatuu fi gurguratu maraa gad yaase; worra birrii sharafuu fi teessoo worra handarii gurguratuullee gara galchee, «Manni kiyya ‹mana Rabbiin itti kadhatan jedhama› jedhamee barreeffameera; isin ammo goda shiftootaa gootan» isaaniin jedhe. Mana woyyuu keessatti worri ija jaamanii fi hokkoloonni gara Isaa dhufan; inni isaan fayyise. Bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee ammo baasaa fi maalalee inni mana woyyuu keessatti godhee fi hennaa ijoolleen, «Hoosaanaa Ilma Daawitiitiif» jedha'aa iyyan arganii aaran. Kanaaf Yesuusiin, «Ati waan ijoolleen tun jettu hin dhageettuu?» jedhaniin. Yesuus, «Ee hin dhagaya; isin sirimaa, ‹Afaan ijoolle'eetii fi daa'imman harma hootu irraa galata ufiif qopheeffatte› ka jedhu hin dubbifnee?» isaaniin jedhe. Achiin maayessa gara qachaa Biitaaniya'aa deemee achi bule. Yesuus ganama barii hennaa gara qacha'aa deebi'u beelayee, Karaa irratti muka hurbu'uu argee gara isi'ii goree yoo laalu baala malee womaa irratti hin argine. Achiin maayessa inni hurbuu saniin, «Horomaa deebi'ee sanyiin si irratti hin argamin» jedheen. Yoma san munni hurbu'uu sun goge. Darasoonni isaallee kana arganii attamitti yoosuu godde? jedhanii maalalan. Yesuus deebisee, «Ani dhugamaan isiniin jedha, isin yoo amantii qabaattan, yoo mamuu baattan, waan muka hurbu'uu irratti ta'e callaa hin gootan; isin gaara kanaan, ‹Asii buqqa'ii gara galaanaatitti darbam› yoo jettan hin ta'a. Yoo Amanti'iin Rabbiin kadhattan waan Rabbiin kadhattaniif san maraa hin argattan» isaaniin jedhe. Gara mana woyyuu seenee uduu barsiisu bulchoonni gadootaa, manguddoonninii fi gumiin gara isaa dhiyaatanii, «Ati baallii maali'itiin waan kana goota? baallii kana eentu sii kenne?» jedhaniin. Yesuus deebisee, «Anillee gaafii tokko isin gaafadha; isin yoo deebii naa deebiftan achiin maayii anillee baallii maali'iitiin waan kana akka godhu isinitti hima. Cuuphaan Yohaannis cuuphe Rabbiin irraa dhufe moo, yookaan nama irraa dhufe?» isaaniin jedhe. Isaanillee wol mormanii, « ‹Rabbiin irraa dhufe› yoo jenne inni, ‹Isin maaf isa hin amanne ree?› nuun jedha; ‹Nama irraa› yoo jenne, martinuu akka raagaatitti waan Yohaannisiin laalaniif, gumii sodaanna» jedhan. Maarre isaan deebisanii, Yesuusiin, «Nu hin beennu» jedhan. Yesuusillee, «Baallii maali'iitiin waan kana akka godhu isinitti hin himu» isaaniin jedhe. Yesuus isaaniin, «Maal isinitti fakkaata? Namichi tokko ijoollee lama qaba; inni gara hangaftichaa dhaqee, ‹Ilma kiyya! adha hulee woyini'ii dhaqii huji› jedheen. Inni deebisee, ‹Ani hin dhaqu› jedhe; maayessa ammo gaabbee deeme. Abbaan gara ilma lammeesso'oollee dhaqee akkasuma jedhe; ilmi lammeesso'oo, ‹Hin dhaqa, abbaa kiyya!› jedhe. Inni garuu hin dhandhe. Isaan lamaan kanniin keessaa kamtu waan abbaan barbaade hojjate?» jedheen. Isaan, «Hangafticha» jedhan. Yesuus, «Ani dhugamaan isiniin jedha. Worri qaraxa guuruu fi seebartoonni jeennata Rabbii galu'uun isin firrisan» isaaniin jedhe. Yohaannis karaa qajeellumma'aatiin isinii dhufe; isin ammo itti hin amanne. Qaraxxoonninii fi seebartoonni ammo itti amanan. Isin kana argitaniillee aagii galtanii itti hin amanne. Yesuus ammallee akkana isaaniin jedhe, «Mammaaka biraa dhagayaa'a! Namicha biqiltuu woyini'ii dhaabe tokkotu ture. Dallawa dhaga'aan itti ijaaree, boolla woyinii itti cuunfanillee qotee, siree irra taa'anii eegan ijaaree qonnaan bultootatti kireessee gara biyya biraa deeme. Hennaa woyiniin sun gaye, midhaan fudhachu'uuf hojjattoota ufii gara worra biqiltuu woyini'ii eeganii erge. Qonnaan bultoonni isaa sun hojjattoota isaa keessaa nama tokko qabanii dhaanan; kaan hin ajjeesan; kaan ammo dhaga'aan tuman. Abbaan maasaa biqiltuu sanii worra hojjattoota duraa laakkobsaan caalan isaanitti erge. Sanniinillee akkuma kaawwanii godhan. Maayessa ammo, «Ilma kiyya hin kabajjan.» jedhee, Ilma ufii isaanitti erge. Qonnaan bultoonni sunniin ammo, Ilma isaa hennaa argan, ‹Ka dhaalu kanaa; koottaa, isa ajjeefnee lafa fudhannaa.› woliin jedhan. Isaan Ilma isaa qabanii biqiltuu woyini'ii keessaa baasanii ajjeesan. Eegasuu abbaan biqiltuu woyini'ii sun hennaa dhufe qonnaan bultoota san waan maal godhu seetan?» isaaniin jedhe. Isaan deebisanii, «Inni worra hammeeyyii hammeenna isaaniitiin isaan ajjeesa. Biqiltuu woyini'ii kana, qonnaan bultoota biraa ka hennama henna'aan yoo midhaan gaye isaa fidaniifiititti kenna.» jedhaniin. Yesuus, «Isin barreeffama Woyyuu keessatti, ‹Dhagaan worri mana ijaaru tuffate, inni dhagaa dhagaa maraa caalaa barbaadamu ta'e; kun Goofta'aan ta'e, Ija keennaafillee waan baasaati!› Ka jedhu horomaa hin dubbifnee? «Kanaaf akkana isiniin jedha, jeennanni Rabbii isin irraa fudhatamtee banii daraaraa godhatuuf kennamti. [ Ka dhagaa kana irratti kufu hin caccaba. Namni dhagaan kun irratti kufe maruu hin bututa.]» Bulchoonni gadootaatii fi Fariisonni hennaa mammaaka dhagayan, akka inni waan isaanii dubbata'aaru hubatan. Isa qabuu barbaadanii gumiin akka raagaatitti waan isa laaluuf isaan sodaatanii dhiisaniin. Yesuus ammallee deebisee mammaakaan akkana jedhee isaanitti hime. «Jeennanni sami'ii mootii ilma ufiitiif cidha godhe tokko fakkaatti. Worri gara cidha fuudhaa fi heerumaa waamame akka dhufu itti himu'uuf mootiin sun hojjattoota ufii erge; Isaan ammo dhufuu didan. Deebi'ee hojjattoota biraa erge; ‹Worra waamamaniin, «Kunoo, cidha kiyya ka fuudhaa fi heerumaa qopheesseera; kormaa fi horiin coomnillee qalameera; maruu qophaayeeraa gara cidha fuudhaa fi heerumaa koottaa› jedha'aa itti himaa'a» jedhe. Worri waamaman sun ammo lash jedhanii tokko gara qonna ufii, kuun gara daldala ufii deeme; Worri hafan ammo hojjattoota isaa qabanii akka malee rakkisanii isaan ajjeesan. Mootiin lolee loltoota ergee worra lubbuu namaa ajjeese sanniin fixe. Qachaa sanillee hin gube. Achiin maayessa hojjattoota ufiitiin, ‹Ciini qophaayeera; worri waamaman ammo worra cidha kanaaf malee miti. Eegasuu gara karaa qaxxaammuraa dhaqa'aatii, nama argitan maraa gara cidhaa waamaa'a› jedhe. Hojjattoonni isaa sunniin gara kara'aa bayanii nama argan maraa worra hama'aa fi mishaallee wolitti qaban; namni mana cidhaa ol guute. «Mootichi namoota taa'an laalu'uuf hennaa seene ammo nama uffata cidhaa hin uffanne tokko achitti arge. Namichaan, ‹Jaalalloo kiyya! attamitti uffata cidhaa uduu hin uffanne as seente?› jedheen. Inni hin cadhise Mootiin sun hennaa san tajaajiltoota ufiitiin, ‹Harkaa fi luka isaa hidha'aatii gara dukkanaatitti gad baasaa'a. Achi booyu'uu fi ilkaan qaru'utu jiraa› jedhe. Worri waamaman heddu; worri filataman ammo hago'o» jedhe. Kanaafuu Fariisonni deemanii attam godhanii dubbi'iin akka isa qaban mari'atan. Darasoota isaallee worra gosa Heroodisii woliin itti ergan. Isaanillee, «Barsiisaa'a! akka ati dhugaa taate dhugamaan akka karaa Rabbii barsiiftu hin beenna. Fuula namaa laala'aa eennuunillee wol hin caalchiftu. Eeganaa maal sitti fakkaata? Mootii Qeesaariitiif gibira kaffaluun seera moo seeraa miti? mee nutti himi!» jedhaniin. Yesuus ammo hammeenna isaanii beekee, «Isin fakkeessitoota maaf haga kiyya na laaltan? Birrii gibiraa mee natti mudhisaa'a» jedhe. Isaanillee saantibii tokko itti fidan. Inni, «Fakiinii fi maqaan kun ka eennuuti?» jedhee isaan gaafate. Isaan deebisanii, «Ka mootii mootota biyya Rooma'aati» jedhaniin. Achiin maayessa inni, «Kanaaf waan mooti'ii mooti'iif; waan Rabbii Rabbiif kennaa'a» isaaniin jedhe. Isaanillee kana dhagayanii maalalanii isa dhiisanii deeman. Hennaa san worri Saduuqootaa ka «du'aa ka'iinsi hin jiru» jedhan gara isaa dhiyaatanii akkana jedhanii isa gaafatan. «Barsiisaa'a! Muuseen, ‹Namni tokko uduu hin uumanne yoo du'e, obboleessi isaa haadha manaa obboleessa du'ee san dhaalee, fiixaa obboleessa ufiitiif haa dabarsuu› jedhe. Ilmaan haadhaa torbatu nu woliin ture. Ka hangafaa haadha manaa fuudhee uduu hin uumanne du'e; ka lammeesso'oollee isii dhaalee uduu hin uumanne du'e. Sadeesso'oo haga torbeesso'ootitti isii dhaalanii uduu ijoollee hin uumatin irraa du'an. Kanniin maraan maayessa isiinillee hin duute. Waan isaan martinuu isii fuudhaniiraniif gaafa du'aa ka'iinsaa torban keessaa kamiif haadha manaa taati?» Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Kitaabotaa fi hunna Rabbii waan hin beenneef isin hin dogoggortan. Du'aa ka'u'uun maayessa akka Maleekkota Rabbii ta'an malee hin fuudhan; hin heeruman. Gumiinillee barumsa isaa kana dhagayanii maalalan. Fariisonni akka inni Saduuqoota cadhisiise hennaa dhagayan wol gayan. Isaan keessaa namichi Seera Muuse'ee beeku tokko, isa qoratu'uuf jedhee, «Barsiisaa'a! Seera keessaa ajanyi guddaan kam?» jedhee isa gaafate. Yesuus deebisee, « ‹Waaqa Gooftaa kee garaa kee guutu'uun, lubbuu tee guutu'uun, qalbii tee guutu'uun jaaladhu› Ajanyi guddaan duraa kana. Lammeessoonillee kanuma fakkaata: ‹Obboleessa kee akka lubbuu teetiititti jaaladhu› ka jedhu. Ajajuma lamaan kana irratti Seerrinii fi barsiifni raattotaa martinuu hundeeffamaniiran» jedhe. Uduu Fariisonni wol gayanii jiran Yesuus akkana jedhee isaan gaafate, «Wonti Kiristoosii maal isinitti fakkaataa? Inni ilma eennuuti?» Isaan, «Ilma Daawitiiti» jedhanii deebisaniif. Yoo Daawiti Gooftaa jedhee isa waame, attamitti Inni ilma isaa ta'a ree?» isaaniin jedhe. Namni tokkochi deebii isaa deebise hin jiru. Gaafa san irraa kaasee lamuu eennullee uggee hin gaafanneen. Achiin maayessa Yesuus gumi'ii fi darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonni teessoo Muuse'ee irra taa'aniiran. Maarre waan isaan isin ajajan maraa godhaa'a, eega'alle'e; haa ta'uu ammo isaan waan barsiisanuu waan hujii irra hin oolchineef, akka isaan hujan hin hujinaa'a. Isaan ba'aa ulfaata'aa fi ka baadhachu'uuf hin danda'amne hidhanii gurmuu nama biraa irra kaayan; ufii ammo qubaanuu tuquu hin fedhan. Namatti uf mudhisu'uuf jedhanii hujii isaanii maraa hojjatan. Qudhaama jechoonni barreeffama Woyyuu keessa jiru, ka addaa fi irree ufii irratti hidhatan babadhisanii qudhaamatan; handaara uffata uffatanii Rabbiin kadhatanillee hin dheereffatan. Lafa cidhaatitti hulee ulfinnaa; mana woyyuu Yihuudotaa keessatti barcumaa ulfinaa, Hulee gabaya'aatitti nagaya ulfinnaa akka isaan gaafatanii fi gumiin ‹Barsiisaa'a› jedhanii akka isaan waaman jaalatan. Isin barsiisaa tokko waan qabdanii fi isin martinuu obboleeyyan waan taataniif, ‹Barsiisaa'a› jedhamtanii hin waamaminaa'a. Isin Abbaa tokkocha Sami'itti waan qabdaniif, biyya lafaa irratti eennuunillee ‹Aabbaa› jettanii hin waaminaa'a. Hayyuun keessan Kiristoosii tokkocha waan ta'eef, ‹Hayyuu› jedhamtanii hin waamaminaa'a. Isin keessaa ka isin maraa caalu hojjataa keessan haa ta'uu. Namni boonu maruu hin salphata. Namni gad uf qabu maruu hin kabajjama.» Yesuus, «Barsiisota seera Muuse'eetii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin balbala jeennata sami'ii waan namatti cuftaniif isin aanne'e! Isin hin galtan; worra itti galanillee akka itti hin galle dhooggitan. [ Isin fakkeessitoota barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisota Rabbiin kadhatuu dheeressu'uun sababdanii mana haadha hiyyeeyyi'ii irraa waan nyaattaniif isinii aanne'e! Kanaafuu murtii guddaa argattan.] Isin barsiisoota Seera Muuse'eetii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin aanne'e! Nama tokko amantii Yihuudotaa fudhachiisu'uuf galaanaa fi lafa irra asii fi achi deddeemtan; isin nama fudhate san dachaa lama isin caalaa ilma asaabaa waan isa gootaniif isin aanne'e! «Bulchoota ija jaamtota, isin aanne'e! Isin, ‹Namni tokko yoo mana woyyu'uutiin kakate, kakuun sun isa hin geettu; namni tokko yoo worqii mana woyyu'uutiin kakate, kakuun sun isa geetti› jettan. Isin gowwootaa fi worra ijaan hin argine! Worqi'i moo mana woyyuu ka worqii woyyoomsutu caala? Isin, ‹Namni mi'a kennaa Rabbii ittiin dhiyeessuun yoo kakate, kakuun sun isa hin geettu; haa ta'uu ammo, namni kennaa irra jiruun yoo kakate, kakuun sun isa geetti› jettan. Isin jaamaa attamiiti! kennaa mo'o mi'a kennaa woyyoomsutu caala? Maarre namni mi'a kenna'aatiin kakatu marti mi'a kenna'aatii fi waan isii irra jiru maraan kakata; Ka mana woyyu'uun kakatu isaa fi ka isa irra jiruun kakata. Namni sami'iin kakatullee teessoo Rabbiitii fi ka teessoo san irra taa'eeruun kakatan. Isin barsiisota Seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin aanne'e! Isin urgoo gurraattii, daalattii, Sokorataa fi daraaraa caarotaa keessaa kurneessoo hin kennitan; haa ta'uu ammo waan ijoo Seera keessatti argamu hin dhiiftan; wonti kunniinillee murtii dhuga'aa, dhiifamaa fi amanamumma'a; isin kaawwanillee uduu hin dhiifne, waan kanniinillee godhutu isin barbaachisa. Isin bulchoota jaamtota! Isin waan dhuddan keessaa bookee hin dhimbiibdan, waan akka gaalaa ammo hin liqimsitan. Barsiisota Seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin aanne'e! miju'uu fi qorii gubbaa hin qulqulleessitan; keessi ammo saamichaa fi dondhumma'aan guuttameera. Ati Fariisicha ijaan hin argine! gubbaan isaa akka bareedu, dura dursiitii keessa qori'iitii fi sabaree qoraasi. «Isin barsiisota Seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota! gubbaan keessan bareedee mudhata; keessi keessan ammo awwaala noora'aan dibame; lafee worra du'eetii fi waan battii maraan guuttame waan fakkaatuuf isin aanne'e! Akkasuma isinillee gubba'aan worra biraatiif qajeellota fakkaattan; keessi keessan ammo uf tuulumma'aa fi hammeennaan guuttameera. «Barsiisota Seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin aanne'e! Waan awwaala raattotaa ijaartanii fi awwaala qajeellotaallee bareechiftaniif. Isin, ‹Uduu bara abbootii teennaa jiraannee, nu dhiiga raattotaa dhangalaasuu keessatti isaan woliin hin hirmaanne waan jettaniif› isin aanne'e! Akkasiin isin ilmaan worra raattota ajjeesee akka taatan uf irratti ragaa baatan. Isinillee akkasuma hujii cubbuu abbootii teessanii guuta'aa fixaa'a. Isin bofa! ijoollee buuti'ii attamiin murtii asaabaa jalaa baatan? Kanaafuu raattotaa fi ogeeyyii barsiisota Seera Muuse'eellee gara keessan erga. Isin isaan keessaa garii hin ajjeeftan; kaan hin fanniftan; worra kaawwanillee mana Yihuudonni wolitti qabaman keessatti dhaantanii qachaa irraa gara qacha'aa ariitan. Dhiiga Aabeelii nama qajeela'aa irraa jalqabee haga dhiiga Zakkaariyaasii ilma Baraakiyuu isa isin mana woyyu'uu mi'a kenna'aa irratti ajjeeftan, dhiiga qajeellotaa ka lafatti jige maraafuu hin gaafatamtan. Ani dhugamaan isiniin jedha, wonti kun maruu dhaloota bara kanaa irratti hin ta'a» jedhe. Yesuus ammallee, «Ee! Yerusaalem! Yerusaalem! qachaa raattota ajjeeftuu fi worra gara kee ergame dhaga'aan tumtu! Akka lukkuun ilmoolee ufii koola ufii jalatti wolitti qabattu, anillee hennaa meeqa ijoollee tee wolitti qabuu barbaade; isin ammo hin diddan. Kunoo, manni keessan ona ta'ee hafe. Ani akkana isiniin jedha, ‹Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame› haga jettanitti ammaa achi deebitanii na hin argitan» jedhe. Yesuus uduu mana woyyu'uu bayee deema'aaru, darasoonni isaa ijaarsa mana woyyu'uu isatti mudhisu'uuf gara isaa dhufan. Achiin maayessa inni, «Isin waan kana maraa hin argitanii mii? isaaniin jedhe, Ani dhugaa isinitti hima, dhagaan tokkochi wol irratti hin hafu; martinuu hin diiggama» isaaniin jedhe. Yesuus uduu gaara ejersaa irra taa'ee jiru, darasoonni hojjatti gara isaa dhufanii, «Kun yoom ta'a nutti himi? Dhufa keetii fi dhuma biyya lafaatiif malkanni maali'i?» jedhaniin. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Eennullee akka isin hin dogoggorsine uf eeggadhaa'a! Namoonni hedduun, ‹Ani Kiristoos› jedha'aa maqaa kiyyaan dhufan; namoota hedduu hin dogoggorsan. Woraanaa fi oduu woraanaa hin dhageettan; akka hin rifanne uf eeggadhaa'a; kun ta'uun isaa giddi'i; haa ta'uu ammo ammallee dhumni hin geenne. Gofti gosatti, mootummaan mootumma'atti hin ka'a; beellinii fi sochiin lafaa hulee adda addaatitti hin ta'a. Kun maruu ammo ciniinsuu duraati. «Achiin maayessa isaan akka rakkattanii fi akka ajjeefamtan dabarsanii isin kennan; sababa maqaa kiyyaatiif jettanii gosa maraan worra jibbame taatan. Hennaa san namoonni hedduu amantaa irraa duubatti deebi'an; isaan dabarsanii wol kennan; Wolillee hin jibban. Raattonni sobaa hedduunillee hin ka'an, Namoota hedduullee hin dogoggorsan. Sababaa baay'inna hammeennaatiin jaalalti namoota hedduu hin qabbanoofti. Ka haga dhumaa dhaabate ammo hin fayya. Gosa maraaf ragaa akka ta'u Dubbiin Nagayaa ka jeennataa, biyya lafaa maratti hin lallabama. Achiin maayessa muummeen hin dhufti» jedhe. Yesuus ammallee, «Akkuma raattichi Daani'eel dubbate, ‹Farra badi'ii› hulee woyyitti'ii dhaabatee yoo argitan, ka kana dubbisu haa hubatuu! Hennaa san worri biyya Yihuuda'aa keessa jiru gara gaarranii haa baqatuu. Ka gamoo manaa irra jiru waan mana keessaa fudhachu'uuf gad hin bu'in. Namni maasaa keessa jiru uffata fudhachu'uuf gara manaa hin deebi'in. Guyyaa san dubartoota ulfaatii fi ta harma hoosiftu aanne'e! Haa ta'uu ammo bandhi keessan gannaan yookaan guyyaa Sambataa akka hin taane Rabbiin kadhadhaa'a. Hennaa san rakkinni guddaan hin dhufa; rakkinni akkasii haga biyyi lafaa uumamte irraa jalqabee haga ammaatitti ta'ee hin beeku; sirimaa deebi'eellee hin ta'u. Guyyoonni sun uduu gabaabbatuu dhabaatee namni tokkollee silaa hin fayyu; sababa worra filatameetiif ammo guyyoonni sun hin gabaabbatan. Hennaa san, «Eennullee ‹Kunoo! Kiristoos as jira!› yookaan, ‹Inni achi jira!› yoo isiniin jedhe hin amaninaa'a. Isin keessaa namoonni gari gariin, worra nu Kiristoos ufiin jedhanii fi raattota sobaa ta'an. Uduu isaanii danda'amee worra Rabbiif filatame dogoggorsu'uuf malkata gugurda'aa fi baasa hujan. Kunoo ani duraan dursee kana isinitti himeera. Maarre isaan, ‹Kunoo! Inni lafa gammoojji'ii jira› yoo isiniin jedhan, gad hin bayinaa'a. Yookaan, ‹Kunoo! Inni gola keessa jira› yoo isiniin jedhan hin amaninaa'a. Akkuma Bakakkaan baya biiftu'uutii bayee ifa'aa haga dhiya biiftu'uutitti ibsu, dhufti Ilma Namaallee akkasuma ta'a. Hulee randhi jirutti rumichi wol gayan» jedhe. Yesuus ammallee, «Guyyoota rakkinnaa saniin maayessa yoma san aduun dukkanoofti, jiinillee ifa ufii hin kennu; urjiiwwan samii gubba'aa hin harca'an; hundeen sami'iillee hin raafama. Achiin maayessa malkanni Ilma Namaa samii gubba'atti hin mudhata; hennaa san gofti biyya lafaa maruu banne! banne! jedhan. Ilmi Namaa duumessa sami'iitiin, hunnaa fi ulfinna gudda'aan yoo dhufu hin argan. Inni Maleekkota ufii laagaa xurumbaa guddaa woliin erga. Isaanillee qaccee samiiwwaniitii haga qaccee samiiwwanii, daangaa lafaatii haga daangaa lafaa worra isaaf filatame wolitti qaban.» Yesuus ammallee, «Muka hurbu'uu irraa baradhaa'a! Hennaa damee baaftee baalli isi'ii late bonni akka dhiyaate hin beettan. Maarre akkasuma hennaa waan kana maraa argitan, akka Ilmi Namaa balbalatti dhiyaate beekaa'a! Ani dhugamaan isiniin jedha, haga wonti kun maruu ta'utti dhaloonni kun hin badu. Ardi'ii fi samiin hin baddi; dubbiin kiyya ammo hin badu.» Waan guyyaa saniitii fi sa'aatii sanii Abbaa calla'atu beeka malee eennullee hin beeku; maleekkonni sami'iitii fi Ilmillee akkasuma eennullee hin beeku. Akkuma bara Noohiititti ta'e, dhufti Ilma Namaallee akkasuma ta'a. Bara san bisaan badi'iitiin dura haga Noohi markaba seenutti namoonni nyaata'aa, dhuga'aa, fuudha'aa, heeruma'aa turan; haga bisaan badi'ii dhufee isaan maraa haree deemutti isaan womaa hin beenne. Maarre dhufti Ilma Namaallee akkasuma ta'a. Hennaa san namoonni lamaa maasaa keessatti hujan; tokkochi ol fudhatama, tokkochi hin hafa. Dubartoonni lamaan uduu midhaan daakan takka ol fudhatamti, takka hin hafti. Gooftaan keessan sa'aatii kamitti akka dhufu waan hin beenneef eeganaa dammaqa'aa eeggadhaa'a. «Waan kana hubadhaa'a; abbaan manaa halkan keessa sa'aatii kamitti hattuun akka dhuftu uduu beekee, manni isa jalaa haa qotamu'uuf hin dhiisu. Kanaaf Ilmi Namaa sa'aatii isin hin qaabannetti waan dhufuuf isinillee qophaaya'aa jiraadhaa'a.» Yesuus ammallee, «Eeganaa hojjataan amanamaanii fi qaroon, ka gooftaan isaa akka inni hojjattoota isaatiif nyaata henna'aan kennuuf, mana ufii irratti muude eennu? Hojjataan gooftaan isaa hennaa deebi'u uduu hojjatu arguun sun ka eebbifame. Ani dhugamaan isinitti hima gooftaan isaa qabeenna ufii maraa irratti isa muuda. Hojjataan hamaan sun ammo yaada ufii keessatti, ‹Gooftaan hin tura› jedhee yoo Hojjattoota tuma'aa, worra machaayu woliin nyaachu'uu fi dhuguu jalqabe, gooftaan hojjataa sanii guyyaa inni hin eennee fi sa'aatii inni hin beennetti hin dhufa. Inni hojjataa san bakka lamatti baqassa; hiree isaallee worra fakkeessu woliin taasisa; achitti booya'aa ilkaan qara» jedhe. Yesuus itti aansee, «Hennaa san jeennanni sami'ii durba kudhanii ta ibsaa isaanii qabatanii idaayyaa reebbatu'uuf bayan fakkaatti. Isaan keessaa shanan ceem'aaleeyyi'i; shanan ammo qalbi qabeeyyi'i. Ceem'aaleeyyiin shanan ibsaa ufii qabatan malee sayitii ibsa'atti buufatan hin qaban. Qalbi qabeeyyiin ammo ibsaa ufii woliin sayitii bilille'etti qabatan. Idaayyaan uduu hin dhufin turraan isaan maruu muganii rafan. Hennaa halkan qixxee ta'e laagaa gudda'aan, ‹Idaayyaan Kunooti! Isa reebbachu'uuf bayaa'a!› jedhu dhagayame. Hennaa san babbareeddan sunniin maruu ka'anii ibsaa ufii qopheeffatan. Worri ceem'aaleeyyiin sunniin worra qalbi qabeeyyi'iin, ‹Ibsaan keenna waan dhaama'aaruuf sayitii keessan irraa diqqoo nuu kennaa'a› isaaniin jedhaniin. Qalbi qabeeyyiin ammo deebisanii, ‹Wa'a! Ka nu'uu fi isinii gayu hin jiru. Worra gurguru bira dhaqa'aatii bitadhaa'a!› jedhaniin. Hennaa isaan bitatu'uuf deeman idaayyaan hin dhufe; durbi qophoofteertu sunniin isa woliin gara mana cidhaa haga seenan balbalti hin cufame. Maayessa worri hafan babbareeddonni turanii dhufanii, ‹Gooftaa! Gooftaa! Nuu bani!› jedhaniin. Inni ammo deebisee, ‹Ani dhugaa isiniin jedha, ani isin hin beeku› jedhe. Eeganaa guyya'aa fi sa'aatii san waan hin beenneef dammaqa'aa eeggadhaa'a!» jedhe. Yesuus ammallee, «Jeennanni sami'ii nama biyya biraa deemu'uuf ka'ee hojjattoota ufii waamee qabeenna qabu amaanaa isaanitti kennate tokko fakkaatti. Inni akkuma dandeettii isaaniititti tokkoof saantibii worqi'ii kuma shan, kaaniif kuma lama, kaaniillee kuma tokko kennee gara biyya fago'oo deeme. Ka saantibii worqi'ii kuma shan fudhate yoma san ittiin daldalee saantibii worqi'ii kuma shan bu'aa keessaa buufate. Akkuma san ka saantibii worqi'ii kuma lama fudhatellee kuma lama bu'aa keessaa buufate. Ka saantibii worqi'ii kuma tokko fudhate ammo dhaqee boolla qotee saantibii worqi'ii ta goofta'aa san awwaale. Bara hedduun maayessa gooftaan hojjattoota sanniinii galee isaan tooyate. Ka saantibii worqi'ii kuma shanii irraa fudhate gara isaa dhufee saantibii worqi'ii kuma shanii kennee, ‹Gooftaa'a! ati saantibii worqi'ii kuma shanii natti kenniteerta; kunoo, ani ka biraa saantibii worqi'ii kuma shanii bu'aa irraa buufadheera› jedhe. Gooftaan isaa, ‹Mishaa goote; ati hojjataa amanama'a; waan diqqoo irratti amanamteerta, ani waan heddu irratti si muuda; koottuu gammachu'uun gara hulee gooftaan kee sii qopheessee seeni!› jedheen. Ka saantibii worqi'ii kuma lama fudhatellee dhufee, ‹Gooftaa'a! ati saantibii worqi'ii kuma lama natti kennitee turte; kunoo ani ka biraa saantibii worqi'ii kuma lamaa bu'aa buufadheera› jedhe. Gooftaan isaa, ‹Mishaa goote; ati hojjataa amanamaa'a! waan diqqo'otti amanamteerta hedduu irratti si muuda gammachu'uun gara hulee gooftaan sii qopheessee seeni› jedheen. Ka saantibii worqi'ii kuma tokko fudhatellee gara isaa dhufee, ‹Gooftaa'a! ati bakka itti hin facaafnee akka haamattu, bakka itti hin bittinneessinee akka wolitti qabattuu fi nama hamaa ta'uu kee waan beekuuf; si sodaadhee, dhaqee saantibii worqi'ii kee boollatti awwaale; kanaaf saantibiin worqi'ii kee kunooti› jedheen. Gooftaan isaa ammo, ‹Ati hojjataa hama'aa fi ceem'aaleessa! uduu hin facaafne akka haamadhu, uduu hin bittinneessine akka walitti qabadhu hin beettaa? Ati saantibii worqi'ii kiyya worra saantibii worqi'ii dhalaan fudhatutti kennu'utu si barbaachisa. Anillee dhufee waan qabu bu'aa woliin silaa hin fudha. Maarre saantibii worqi'ii irraa fuudha'aatii ka saantibii worqi'ii kuma kudhanii qabuuf kennaa'a. Ka qabu maraaf itti eda'amee waan kennamuuf, hin baay'ataafille'e; ka hin qabne ammo ta qabu sunuu irraa fudhatamti. Hojjataa gatii hin qabne kana, dukkana diidaatitti gad gataa'a, achitti booya'aa ilkaan qaraa» jedhe. Yesuus ammallee, «Ilmi Namaa hennaa ulfinna ufiitii fi Maleekkota Rabbii maraa woliin dhufu, teessoo ulfinnaa ka ufii irra taa'a. Worri Yihuudota hin taane maruu isa afo'otti wolitti qabaman; akkuma tisseen Hoolotaa fi Re'iin addaan fooyu, innillee akkasuma namoota addaan fooya. Hoolota mirga ufiititti, Re'iin ammo bitaa ufiitiin dhaabsisa. Worra mirga isaa jiraniin mootichi akkana jedhaan, «Isin eebbifamtoota abbaa kiyyaa! koottaa'a! Hennaa biyyi lafaa uumame irraa jalqabee jeennata isinii qophaaye dhaalaa'a! Beelayee na nyaachiftaniirtan; dheebodhee na obaaftaniirtan; keessummaa ta'ee na keessummeessitaniirtan, daaree daara na baaftaniirtan; dhibamee na gaafattaniirtan; hidhameellee na gaafattaniirtan. Balchoonni deebi'aniiti akkana isaan jedhan, ‹Gooftaa'a! beeloftee yoom si arginee si nyaachifne? Yookaan dheebottee arginee yoom si obaafne? Keessummaa taatee arginee yoom si keessummeessine? Yookaan daartee arginee yoom daara si baafne? Yoom dhibamtee, yookaan hidhamtee arginee si gaafanne?» jedhaniin. Mootichillee deebisee, «Ani dhugamaan isiniin jedha, obboleeyyan tiyya worra maraa caalaa didiqqaa kanniin keessaa tokkoof ka gootan, akka waan naaf gootaniiti!» isaaniin jedhe. Hennaa san worra bitaa irra jiraniin ammo, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadhaa'a; gara ibidda bara baraa ka seexanaa fi ergamtoota isaatiif qophaayeetitti deemaa'a! Beelayee na hin nyaachifne, dheebodhee na hin obaafne, Keessummaa ta'ee na hin keessummeessine, daaree daara na hin baafne, dhibamee, hidhameellee na hin gaafanne› jedha. Achiin maayessa isaanillee deebisanii, ‹Gooftaa'a! beeloftee, yookaan dheebottee, yookaan keessummaa taatee, yookaan daartee, yookaan dhukkubsattee, yookaan hidhamtee si arginee yoom si gargaaruu dhabne?› jedhaniin. Hennaa san mootiin deebisee, ‹Ani dhugamaan isiniin jedhaa, worra maraa caalaa didiqqaa kanniin keessaa tokkoof waan hin gooneef, naafillee ammo womaa hin goone› jedhee isaanii deebise. Worri kun gara adabbii bara baraa, qajeellonni ammo gara jireenna bara baraa galan» jedhe. Yesuus haga dubbii kana maraa dubbatee fixeen maayessa darasoota ufiitiin, «Guyyaa lamaan maayessa ayyaanni Faasika'aa akka ayyaanteffamu hin beettan; Ilmi Namaa worra Isa fannisutti dabarfamee kennama» jedhe. Achiin maayii hayyichi gadootaatii fi manguddoonni gumi'ii dallawa gadicha guddaa Qayyaaffaa jedhamuutitti wol gayan. Yesuusiin dharaan qabsiisanii ajjeesu'uuf mari'atan. Haa ta'uu ammo, «Gumii eddu'utti nageenni akka hin boorofne guyyaa ayyaanaatiin hin ta'in» jedhan. Yesuus Biitaaniya'atti mana Simoonii dhukkuba gogaa kukkutuun qabamee uduu jiru, Dubartiin takka urgoo gatiin isaa gudda'aa ka bilqaaxii Albaaxiroosiititti guuttame qabattee gara isaa dhuftee uduu inni hurbaataaf taa'eeru urgoo san mataa isaa irratti buufte. Darasoonni isaa hennaa argan aaranii, «Kun maaf lafatti bada? Urgoon kun gatii gudda'atti gurguramee birriin sun silaa hiyyeeyyi'iif uduu kennamee woyya» jedhan. Yesuus waan kana beekee akkana isaaniin jedhe, «Dubartii tana maaf rakkiftan? Isiin waan mishaa naa goote. Hiyyeeyyiin hennaa maraa isin woliin jiran; ani ammo hennaa maraa isin woliin hin jiraadhu. Isiin urgoo kana nafa kiyyatti buuftee awwaalaaf na qopheessite. Ani dhugamaan isiniin jedha, biyya lafaa maraa keessatti bakka kamittuu Dubbiin Nagayaa hennaa lallabamu wonti isiin goote kun ammo akka isiin qaabatamtuuf himama.» Hennaa san darasoota kudha lamaan keessaa namni Yihuudaa jedhamu ka biyya Keeriyooti tokko gara bulchoota gadootaa dhaqee, «Yoo ani isa dabarsee isinii kenne, isin maal naa kennitan?» isaaniin jedhe; isaan birrii soddoma jedhaniin. Sa'aatii san irraa jalqabee dabarsee isa kennu'uuf hennaa mishaa isaaf tolu soqa'aa ture. Jalqaba guyyaa ayyaana xorosho'oo darasoonni gara Yesuusii dhufanii, «Hurbaata ayyaana Faasika'aa eessatti akka sii qopheessinu barbaadda?» jedhanii isa gaafatan. Inni deebisee, «Qachaa keessa gara mana nama tokkoo dhaqa'aatii namicha saniin, ‹Barsiisaan hennaan kiyya dhiyaateeraa; darasoota tiyya woliin si biratti ayyaana Faasikaa godha jedheera› jedha'aan.» isaaniin jedhe. Darasoonni isaallee akkuma Yesuus isaan ajaje godhanii Faasikaa qopheessan. Galgala san darasoota ufii barattoota kudha lamman woliin hurbaataaf taa'e. Uduu waa nyaata'aaran Yesuus, «Ani dhugamaan isiniin jedha, isin keessaa namni tokko dabarsee na kenna» jedhe. Guddisanii gaddanii gari gariin isaanii, «Gooftaa'a! ana ta'innaa?» jechuu jalqaban. Yesuus deebisee, «Ka ana woliin harka ufii qorii keessa kaayutu dabarsee na kenna» jedhe. Ilmi Namaa akkuma wonti isaa barreeffame hin du'a. Haa ta'uu ammo, «Nama Ilma Namaa dabarsee kennu san aanne'e! Namni sun silaa uduu dhalachuu baatee isaa woyya» isaaniin jedhe. Yihuudaan dabarsee isa kennu deebisee, «Barsiisaa'a! ana ta'innaa?» jedhe. Innillee atuu jette jedheen. Uduu nyaata'aaran Yesuus xoroshoo ol fuudhee eebbisee qoshoree darasootaan, «Hoo'aa nyaadhaa'a; kun foon kiyyaa» jedhe. Xuwweellee ol fuudhee Rabbiin galatoonfatee isaanii kennee, «Isin maruu itti unaa'a; Kun dhiiga kiyya ka waadaa haarawaa ka cubbuu namoota hedduutiif jiguu. Haa ta'uu ammo akkana isiniin jedha, jeennata Abbaa kiyyaa keessatti isin woliin ammaa achi haga guyyaa daadhii woyini'ii dhuguutitti adha irraa jalqabee deebi'ee isin woliin hin dhugu» isaaniin jedhe. Faaruu haga faarsaniin maayessa gara gaara ejersaa ol bayan. Hennaa san Yesuus darasoota ufiitiin, «isin maruu halkan kana na dhiiftanii baqattan; ‹Ani tissee hin dhaya; hoolonni hin faca'an› jedhamee waan barreeffameeruuf. Hennaa du'aa ka'een maayessa ammo gara Galiila'aa isin firrisa» jedhe. Pheexroos deebisee, «Yoma isaan martinuu si biraa baqatanillee, ani horomaa si biraa hin baqadhu» jedheen. Yesuus, «Ani dhugamaan siin jedhaa, edanuma uduu lukkuun hin iyyine harka sadihii na waakkatta» jedheen. Pheexroos ammo, «Yoma ka si woliin du'u ta'ellee ani horoma si hin waakkadhu» jedheen. Darasoonni maruu akkasuma jedhan. Achiin maayessa Yesuus isaan woliin gara hulee Getesemaanee jedhamtuu dhaqee darasoota ufiitiin, «Haga ani achi dhaqee faateffadhuuf isin asi taa'aa'a!» isaaniin jedhe. Pheexroosii fi ilmaan Zabdewoosii lamaanuu fudhatee, yaaddayu'uu fi gadduu jalqabe. Achiin maayessa inni, «Lubbuun tiyya haga du'aa guddiftee gadditeerti. Isin as turaa; na woliin jabaadhaa'a» isaaniin jedhe. Diqqoo isaan irraa siiqee kallachaan gad kufee, «Abbaa kiyya! yoo danda'ame, mijuun rakkinnaa tun na irra haa luftuu; haa ta'uu ammo akka fedha keetii malee akka fedha kiyyaa hin ta'in» jedhe. Achiin maayessa inni gara darasootaa dhufee uduu rafa'aaran isaan argee, Pheexroosiin akkana jedhe, «Maarre, isin sa'aatima tokkollee na woliin jabaachuu dadhabdanii? Akka ataabe'etti hin galle jabaadha'aa Rabbiin kadhadhaa'a; Ayyaanni qophaaya'a, foon ammo dadhaba'a» Yesuus ammallee hennaa lammeesso'ootiif isaan irraa siiqee, «Abbaa kiyya! mijuun rakko'oo tun uduu hin dhunne na irra lufuu ka hin danda'amne yoo ta'e fedhiin tee haa taatu» jedhee faateffate. Yesuus ammallee deebi'ee yoo dhufu ijji isaanii dunquqqaayee ka rafa'aaran arge. Ammallee isaan irraa siiqee hennaa sadeesso'ootiifillee akkasuma jedhee faateffate. Achiin maayessa gara darasootaa dhufee, «Isin haga ammaa raftanii hara baafata'aartanii? Kunoo! sa'aatiin Ilmi Namaa harka cubbamtootaatitti dabarfamee kennamu geetteerti. Koottaa haa deemnuu! Kunoo, ka dabarsee na kennu dhiyaateeraa» isaaniin jedhe. Uduu Yesuus waan kana dubbata'aaru darasoota kudha lamaan keessaa tokko Yihuudaan dhufee gumiin hedduu isa woliin guraade'ee fi bokkuu qabatanii bulchoonni gadootaatii fi manguddoonni biyyaallee isa woliin dhufan. Yihuudaan dabarsee isa kennu, «Namni ani dhungadhu isaa, isa qabaa'a» jedhee malkata isaanii kenne. Yihuudaan akkuma gara Yesuusii dhufeen, «Barsiisaa'a! attam nagaya jirtaa!» jedhee isa dhungate. Yesuus deebisee, «Jaalalloo kiyya! waan huju'uuf dhufte huji» jedheen. Achiin maayessa isaan dhufanii Yesuusiin jabeessanii qaban. Worra Yesuusiin woliin jiran keessaa tokko guraadee baafatee gurra hojjataa gadichaa dhayee irraa kute. Hennaa san Yesuus akkana jedhe, «Guraadee kee qolatti deebis; worri guraadee luqqifatan maruu guraade'een badan. Ani uduu Abbaa kiyya gaafadhee, Inni ammo ammuma maleekkota loltuu kudha lamaa caalan waan naa erguu hin dandeenne sitti fakkaataa? Yoo akkana ta'e, wonti Kitaaba Woyyuu irratti barreeffame attamiin raawwatama ree?» Hennaa san Yesuus gumi'iin akkana jedhe, «Akka nama shiftaa qabuu bokku'uu fi guraadee qabattanii na qabu'uuf dhuftanii? Hennaa ani guyya guyya'aan mana woyyuu keessa isin woliin taa'ee barsiisu, na hin qabne; Haa ta'uu ammo kun martinuu wonti ta'eef wonti raattotaan barreeffame akka raawwatamu'uuf» jedheen. Hennaa san darasoonni martinuu Isa dhiisanii dheessan. Worri Yesuusiin qaban sun barsiisonni Seera Muuse'eetii fi manguddoonni hulee gumiin itti wol gaye gara Qayyaaffaa bulchaa gadootaa fidaniin. Pheexroos haga dallawa gadichaa irraa fagaatee faana deeme. Dhuma dubbii kanaa argu'uuf dallawa keessa seenee hojjattoota woliin taa'e. Bulchoonni gadootaatii fi gumiin jaarsole'ee maruu Yesuusiin ajjeesu'uuf raattota sobaan isa irratti ragaa bayan soqa'aa turan. Raattota sobaa heddu hennaa fidanillee womaa isa irratti hin argine; dhuma irratti namoonni lamaan dhufanii, «Namichi kun, ‹Ani mana woyyuu Rabbii kana diigee guyyaa sadihitti ijaaruu danda'a› jedheera» jedhan. Bulchaan gadootaa ol ka'ee, «Waan isaan si irratti ragan kanaaf ati waan tokkollee hin deebiftuu?» jedheen. Yesuus ammo hin cadhise; Achiin maayessa bulchaan gadootaallee, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin si wogee, ati Kiristoosii Ilma Rabbii yoo taate nutti himi» jedheen. Yesuus deebisee, «Maarre atuu jette. Haa ta'uu ammo akkana isiniin jedha, amma irraa jalqabee Ilmi Namaa harka mirga Rabbii hunna qabuu ka samii taa'u duumessaan hennaa deebi'ee dhufu hin argitan» jedheen. Hennaa san bulchaan gadootaa uffata ufii biinxee, «Kunoo Inni Rabbiin arrabseera! Eegasuu ammaa achi ragaa biraa maaf barbaanna? Maal isinitti fakkaata?» jedhe. Isaan deebisanii, «Inni haa du'uu» jedhan. Hennaa san hancufa fuula isaatitti tufanii tontoommo'oon dhayan; Kuuwwan dhabanaasa'aan kabalanii, «Kiristoos! ka dhabanaasa'aan si dhaye eennu? mee raaga nutti himi» jedhaniin. Pheexroos manaan ala dallawa keessa taa'ee uduu jiru dubartiin hojjattuun takka gara isaa dhuftee, «Atillee Yesuusii Galiila'aa woliin turte!» jetteen. Inni ammo, «Nama ati jettu kana ani hin beeku» jedhee nama maraa afo'otti waakkate. Hennaa inni gara seensa balbalaa dhaqe ta biraallee isa argitee worra achi jiruun, «Namichi kun Yesuusii nama Naazireetii woliin jira» jette. Lammeessoollee, «Ani isa hin beeku» jedhee kakatee waakkate. Diqqoo turanii worri achi dhaabataniiran gara Pheexroosii dhufanii, «Akki ati dubbattuuyyuu hin beessisa; ati dhugamaan nama gosa isaaniiti» jedhaniin. Hennaa san inni, «Ani namicha isin jettan san hin beeku» jedhee uf abaara'aa kakachuu jalqabe. Achiin maayessa Pheexroos dubbii Yesuus, «Uduu lukkuun hin iyyin harka sadihii na waakkatta» jedhe qaabatee gara diidaa gad bayee akka malee mararamee booye. Haga lafti bari'e bulchoonni gadootaatii fi manguddoonni gumi'ii maruu Yesuusiin ajjeesu'uuf mari'atan. Yesuusiin hidhanii gara bulchaa Philaaxoos Pheenxenichaatitti dabarsanii kennan. Hennaa san Yihuudaan isa dabarsee kenne akka isatti murteeffame argee gaabbee birrii soddomaa san bulchaa gadootaatii fi manguddootaa deebisee, «Ani waan dhiiga nama Woyyu'uu dabarsee kenneef yakkeera» isaaniin jedhe. Isaan ammo, «Maaltu nu dhibe ree? Hajaa keeti!» jedhaniin. Yihuudaan birrii mana woyyuu keessatti gatee deemee uf hudhee du'e. Bulchoonni gadootaa birrii san fuudhanii, «Birriin kun gatii dhiigaa waan ta'eef kennaa Mana Woyyu'uutitti makuun seeraa miti» jedhan. Isaan mari'atanii namicha faara dhayu irraa lafa awwaala keessummootaa bitaniin. Sababa kanaaf lafti sun haga adhaa, «Lafa dhiigaa» jedhamte. Akka kanaan raanni «Waan ijoolleen Israa'elii tilmaaman waan gatii isaa ta'u qarshii soddomaa fudhatan; hennaa san wonti raatticha Ermiyaasiitiin, Akkuma Gooftaan na ajaje waan lafa namicha faara dhayuutiif kaffalameef» jedhamee raanni dubbatame hin raawwatame. Yesuus bulchaa afoo dhaabate; bulchaanillee, «Ati mootii Yihuudotaatii?» jedhee isa gaafate. Yesuus, «Maarre atuu jettee» jedheen. Bulchoonni gadootaatii fi manguddoonni hennaa isa himatan womaa isaanitti hin deebifne. Hennaa san Philaaxoos namni hagamii akka sitti rageesse hin dhageettuu? jedheen. Inni waan tokkollee hin deebifneef; Kanaafuu bulchaan guddisee maalale. Hennaa ayyaanaa san mootiin biyyaa nama hidhame ka baniin jaalatu tokko isaanii hiikuu aadaa qaba. Hennaa san nama dharaan beekkamu ka Baarbaan jedhamu tokko mana hidha'aa keessa jira. Isaan wal gayanii uduu jiran Philaaxoos, «Eennuun isinii hiika? Baarbaaniin moo Yesuusii Kiristoos jedhamu?» isaaniin jedhe. Inni akka hinaaffa'aan dabarsanii isa kennan waan beekuuf. Uduu inni teessoo murti'ii irra taa'eeru haati manaa isaa, «Waan isaatiif adha eebju'uun rakkoo gudda'atu na irra gayeera; nama qajeelaa kana womaa hin godhin» jettee isatti ergite. Bulchoonni gadootaatii fi manguddoonni Baarbaaniin akka isaanii hiikaniif; Yesuusiin ammo akka ajjeessisaniif gumii shelatan. Bulchaanillee deebisee, «Lamaan keessaa eennuun akka isinii hiiku feetan» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Baarbaaniin nuu hiiki!» jedhan. Philaaxoos eegasuu, «Yesuus Kiristoos ka jedhamu maal haa godhu ree?» isaaniin jedhe. Isaan martinuu, «Inni haa fannifamuu!» jedhan. Bulchaan, «wonti inni godhe, balleessaan isaa maali'i?» jedhe. Isaan ammo, «haa fannifamuu» jedha'aa iyya'aa guddisanii wocan. Philaaxoos booreessuu ta'a malee womaa godhuu akka hin dandeenne haga arge, bisaan fudhatee, «Dhiiga nama qajeela'aa kana irraa ani qulqullu'u; isintu itti gaafatama» jedhee gumii afo'otti harka dhiqate. Gumiin martinuu deebisanii, «Dhiinni isaa nu'uu fi ijoollee teenna irra haa ta'u» jedhan. Achiin maayessa inni Baarbaaniin isaanii hiikee, Yesuus ammo tumamee akka fannifamu dabarsee kenneen. Hennaa san hidhattoonni bulcha'aa, Yesuusiin gara dallawa bulcha'aa geessanii, hidhattoota maraa isa biratti wolitti qaban. Uffatallee isa irraa mulqanii uffata diimaa itti uwwisan. Gaalee qore'ee korbobboo maranii mataa isaa irra kaayan. Ulee harka mirgaatiin qabsiisanii, afoo isaatitti jilbiiffatanii, «Mootii Yihuudi'ii! nageenni siif haa ta'u!» jedha'aa itti balda'aa, Itti tufan; uleellee harkaa fuudhanii mataa keessa dhayan. Haga itti baldaniin maayessa uffata diimaa irraa mulqanii uffata isaa itti uwwisanii fannisu'uuf achi fidan. Hennaa bayan namicha Simoon jedhamu ka biyya Qareena'aa arganii, fannoo Yesuusii akka baatu hunnaan isa giddisiisan Isaan hulee golgootaa jedhamtu dhufan; «Golgootaa» jechuun «Hulee buqqee mata'aa» jechu'u. Daadhii woyini'ii ka hadhooftu'uun makame haa dhugu'uuf kennaniif. Afaaniin qabee dhuguu jibbe. Haga fannisaniin maayessa uffata isaatitti hixaa buusanii qoodaman. Achuma taa'anii eega'aa turan. Isaan barreeffama ittiin isa himatan, «Yesuusiin kun mootii Yihuudi'iiti» jedhu mataa isaa gubbaa kaayan. Hennaa san shiftoonni lamaa tokko mirgaan, tokko bita'aan isa woliin fannifaman. Worri isa bira lufanillee mataa ufii sochoosa'aa arrabsa'aanii turan. «Ati ka mana woyyuu diiddee guyyaa sadihitti ijaartu; mee uf fayyisi. Yoo Ilma Rabbii taate mee fannoo irraa gad bu'i.» jedhaniin. Akkasuma bulchoonni gadootaa, barsiisonni Seeraatii fi manguddoota woliin itti balda'aa akkana jedhan, «Inni kaawwan fayyiseera! uf fayyisuu hin danda'u! Inni mootii Israa'elii yoo ta'e, mee amma fannoo irraa gad haa bu'uu; nullee itti amannaa. Rabbitti amanateera, ‹Ani Ilma Rabbiiti› waan ufiin jedheeruuf, yoo jaalateen mee amma Isa haa oolchuu!» jedhan. Akkasuma shiftoonni isa woliin fannifamanillee isa arrabsan. Sa'aatii jahaa irraa jalqabee haga sa'aatii sagalii biyyi martuu hin dukkanoofte. Gara sa'aatii sagaliititti Yesuus, «Eloohee! Eloohee! lamaa sabaktanii?» jedhee laagaa gudda'aan iyye. Akkas jechuun, «Rabbii kiyya! Rabbii kiyya! maaf na dhiifte?» jechu'u. Namoonni achi dhaabatan dhagayanii, «Namichi kun Eliyaasiin waamata'aara» jedhan. Yoma san isaan keessaa tokko fiigee dhufee carqii qaccee ule'eetitti hidhee dhangaggooftuu keessatti cuuphee, akka afaan isaatitti coccophu godhe. Kuuwwan ammo dhiisanii, «Dhiisi mee! Eeliyaas dhufee akka isa fayyisu arginaa!» jedhan. Yesuus lammeessoo laagaa gudda'aan iyyee lubbuu ufii kenne. Golgi mana woyyu'uu olii haga gadii bakka lamatti biinxame Lafti hin sochoote; dhagaan hin babbaqaqe; Awwaallan hin banaman; worra amanti'iin woyyoomanii du'anii turan keessaa hedduun isaanii fooniin ka'an. Du'aa ka'insaan maayessa awwaallan keessaa bayanii heddu isaanii gara qachaa woyyitti'ii galanii namoota heddutti mudhatan. Ajajaa loltoota dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuusiin eega'aa turan raafamaa fi sochii ta'e arganii, «Kun dhugamaan Ilma Rabbiiti» jedhanii guddisanii sodaatan. Worri Yesuusiin tajaajila'aa Galiilaa irraa isa faana deeman dubartoonni heddu fago'oo hennaa laalan isaan achuma jiran. Isaan keessaa Maariyaam ta biyya Magidala'aa, Maariyaamii haadha Yaaqoobiitii fi haadha Yoosa'aa, Maariyaamii haadha ijoollee Zabdewoosii fa'atu ture. Hennaa galgalaaye namichi dureessi Yooseef jedhamu tokko qachaa Armaatiya'aatii achi dhufe; innillee akkasuma darasaa Yesuusii ture. Inni gara Philaaxoosii dhaqee reeffa Yesuusii kadhate. Philaaxoos akka kennaniif ajaje. Yooseef reeffa isaa fuudhee woccuu qulqullu'uun sattare. Awwaala dhaga'aa ka goda keessatti ufiif bocate keessa kaayee dhagaa gudda'aan balbala awwaalaa cufee deeme. Maariyaamiin biyya Magidala'aatii fi Maariyaamiin lammeessoon achi kolba awwaalaa afoo taa'anii turan. Ganama guyyaa qophi'iitiin maayessa bulchoonni gadootaatii fi Fariisonni Philaaxoosiin biratti wol gayanii, «Gooftaa'a! dogoggorsaan sun uduu lubbu'uun jiru, ‹Guyyaa sadihiin maayessa hin ka'a› akka jedhe qaabanne. Eegasuu darasoonni dhufanii halkan hatanii gumi'iin, ‹Inni du'aa ka'e› akka hin jenne; dogoggorri maayessaa ka duraa caalaa hamaa waan ta'uuf awwaala haga guyyaa sadihii jabaatanii akka eegan ajaji» jedhaniin. Philaaxoosillee, «Worra eegu hin qabdanii dhaqa'aatii akka beettanitti eessisaa'a!» isaaniin jedhe. Isaan deemanii worra eegan woliin dhaqanii dhagaa awwaalaa irratti chaappeessanii eessisan. Haga Sambanni lufeen maayessa guyyaa jalqaba torbaanii obboroo, Maariyaamiin biyya Magidalaatii fi Maariyaamiin lammeesso'oo awwaala laalu'uuf dhaqan. Maleekkaan Goofta'aa waan sami'ii bu'eef lafti guddiftee sochoote; inni dhufee dhagaa awwaala irraa gara galchee irra taa'e. Bifti Maleekka'aa akka bakakka'aa, uffanni isaallee akka barada'aa adi'i. Worri awwaala eegu waan Maleekkaa Goofta'aa sodaataniif raafamanii akka waan du'anii ta'an. Maleekkaanillee dubartootaan akkana jedhe, «Hin sodaatinaa'a; isin Yesuusii fannifame akka soqa'aartan hin beekaa. Inni as hin jiru akkuma dubbate ka'eera; Hulee reeffa isaa kaayan kootta'aa laalaa'a. Daddafa'aa deema'aatii inni worra du'an keessaa ka'eera gara Galiila'aa isin firrisa; achitti argitan jedha'aatii darasoota isaatitti himaa'a; kunoo ani isinitti himeera» jedhe. Soda'aa fi gammachuu gudda'aan ariifatanii awwaala biraa deemanii, darasoota isaatitti himu'uuf fiigan. Dimmaa Yesuus isaan argee, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin jedhe. Isaanillee isatti dhiyaatanii luka isaa qabatanii sagadaniif. Hennaa san Yesuus, «Hin sodaatinaa'a; gara Galiila'aa akka dhaqan obboleeyyan tiyyatti dhaqa'aa himaa'a; isaan achitti na arganii» isaaniin jedhe. Dubartoonni uduu karaa irra jiran, worra awwaala eegan keessaa gariin gara qacha'aa dhufanii waan ta'e maraa bulchoota gadootaatitti odeessan. Bulchoonni gadootaa manguddoota woliin wol gayanii mari'atanii birrii hedduu loltootaa kennanii, «Isin, ‹Darasoonni isaa uduu nu rafaa'arru halkan dhufanii reeffa isaa hatanii deeman› jedha'aa gumi'itti himaa'a. Bulchaan biyyaa yoo dubbii kana dhagaye, nu itti himnee, akka isin hin rakkannellee hin goona» isaaniin jedhan. Isaanillee birrii fudhatanii akkuma isaan jedhan godhan. Dubbiin kun haga guyyaa adhaa Yihuudota eddu'utti hin odeeffama. Darasoonni kudha tokkoo gara gaara Yesuus isaanitti akeekee, ka Galiilaa keessa jiruu dhaqan. Isaan hennaa isa argan isaaf sagadan; worri gariin ammo hin maman. Yesuus gara isaanii dhufee, «Baalliin maruu ardi'ii fi sami'itti naa kennameera. Kanaaf gara gosa biyya adda addaa deema'aatii maqaa Abba'aa, maqaa Ilmaatii fi maqaa Ayyaana Woyyu'uutiin isaan cuupha'aa, darasoota tiyya taasisaa'a. Waan ani isin seere maraa akka eegan barsiisaa'a. Ani hennaa maraa haga dhuma biyya lafaa isin woliin jiraa» isaaniin jedhe. Jalqabni Dubbii Nagayaa Ilma Rabbii ka Yesuus Kiristoosii kana. Kitaaba raatticha Isaayyaasii keessatti, «Ani ergamaa kiyya ka karaa sii qopheessu si afo'otti erga. Lafa udume'ee keessatti, ‹Karaa Goofta'aa qopheessaa'a. Daandii inni irra deemullee qajeelchaa'a› jedha'aa laagaa namicha iyyu tokkoo» jedhamee akkuma barreeffame. Yohaannisiin cuuphaan lafa udume'ee keessatti, «Aagii gala'aatii cuuphamaa'a! Rabbillee cubbuu keessan isinii dhiisaa» jedha'aa lallaba'aa dhufe. Baniin biyya Yihuuda'aatii fi qachaa Yerusaalemii maruu gara isaa dhufa'aa turan. Cubbuu ufiillee himata'aa laga Yoordaanosiititti harka isaatiin cuuphama'aa turan. Yohaannis uffata rifeensa gaalaa irraa hojjatame uffatee, mudhii ufii teephaan hidhatee, awwaannisaa fi damma gammoojji'ii nyaata'aa ture. Inni akkana jedhee lallabe. «Ka ana caalaa hunna qabu, ka miseensa kophee isaa gad jedhee hiikuun naan hin malle tokko na duubaan dhufa'aara. Ani bisaaniin isin cuupha; Inni ammo Ayyaana Woyyu'uun isin cuupha» jedha'aa lallabe. Hennaa san Yesuus biyya Galiila'aatii gara qachaa Naazireetii dhufee harka Yohaannisiitiin laga Yoordaanosiititti cuuphame. Akkuma Inni bisaan keessaa bayeen samiin banamee Ayyaanni handarii fakkaatee yoo irratti bu'u arge. Samii irraa laagaan, «Ilmi jaaladhu si'i, Ani sitti gammada» jedhu dhufe. Yoma san Ayyaanni gara lafa udume'ee isa baase. Lafa udume'eetitti guyyaa afurtamaaf seexanaan ataabama'aa ture. Achitti bineensota jidduu ture. Maleekkonni isa tajaajilaniin. Uduu galaana Galiila'aa bira lufa'aaru Simoonii fi obboleessi isaa Indiriyaas siiboo isaanii gara galaanaa hennaa darban arge. Isaan worra qurxummii qaba'aa turan. Yesuus, «Na faanaa koottaa worra nama wolitti qabu akka taatan isin taasisaa» isaaniin jedhe. Yoosuu siiboo ufii dhiisanii isa faanaa deeman. Akkuma diqqoo achi siiqeen ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannisiin yabala irratti uduu isaan siiboo midhaaffatan argee, Yoma san isaan waame; isaanillee abbaa isaanii Zabdewoosiin hojjattoota woliin yabala irratti dhiisanii isa faanaa deeman. Gara qachaa Qifirnaahoomii dhaqanii guyyaan Sambataa hennaa gaye Yesuus gara mana sagada Yihuudotaa seenee barsiise. Inni akka barsiisota seeraa uduu hin taane akka nama baallii qabuutitti waan barsiisa'aa tureef namoonni barumsa isaa maalalfatan. Hennaa san mana sagada Yihuudotaa keessatti nama ayyaanni battiin dhayeeru tokkotu ture. Inni, «Yesuusii Naazireetii si woliin maal qabna? Nu balleessu'uuf dhuftee? Eennuun akka taate si beeka, ati Woyyicha Rabbiiti» jedhee iyye. Yesuus, «Cadhisi! Isa keessaa bayi» jedhee teedeffate. Ayyaanni battiin dhidhiitachiisee laagaa gudda'aan iyyee isa keessaa baye. Martinuu, «Kun maali'i? Baalli'iin ayyaannan battii ajaja; isaanillee hin ajajamaniif; barumsi haarofni kun maali'i?» jedha'aa baaseffatanii wol gaggaafatan. Gurri isaallee yoosuu biyya Galiila'aa maraa keessatti dhagayame. Yoma san mana sagada Yihuudotaatii bayee Yaaqoobii fi Yohaannisiin woliin gara mana Simoonii fi Indiriyaasii seene. Soddaatiin Simoonii dhibee haxaxxe'eetiin dhibamtee ciiftee turte. Yoosuu waan isi'ii itti himan. Itti dhiyaatee harka isi'ii qabee ol kaaseen; haxaxxeen bakkumatti dhiiseen. isiin ol kaatee isaan keessummeessite. Hennaa aduun dhiite worra dhibamanii fi worra jinniin keessa jiru maraa gara isaa fidan. Namoonni qachaa sanii maruu balbala afo'otti wol gayan. Worra dhibee adda addaatiin qabaman heddu fayyisee; jinnii hedduullee baase; Jinnoonni Kiristoosiin akka ta'e beekanii waan turaniif akka dubbatan isaan hin hoffolchine. Yesuus ganama barii dimimmisaan ka'ee bayee gara lafa udume'ee dhaqee achitti faateffate. Simoonii fi worri isa woliin jiran isa soqa'aa isa faanaa deeman. Hennaa isa argan, «Maruu si soqa'aaran» jedhaniin. Inni ammo, «Ka'aa gara ganda dhiyoo jiranii haa deemnuu, Ani achittillee dubbii nagayaa barsiisaa; wonti ani dhufeef kanaa» isaaniin jedhe. Mana sagada Yihuudotaatitti lallaba'aa, jinniillee baasa'aa biyya Galiila'aa keessa naannaye. Namichi dhibee gogaa kukkutuun qabame tokko gara isaa dhufee jilbiiffatee, «Yoo fedha kee ta'e na fayyisuu dandeetta» jedhee kadhateen. Yesuusillee garaa laafeefii harka ufii hiixatee qaqqabeenii «Fedhii kiyyaa fayyi» jedheen. Akkuma inni dubbateen dhibeen sun isa dhiise; namichillee hin fayye. Inni ammo akkuma arge dubbata'aa, oduu biyya maraan gaye. Kanaaf Yesuus achiin maayessa hulee udumee namni hin jirre ture; gara qacha'aa seenuu hin dandeenne. Namoonni bakka adda addaatii gara isaa dhufa'aa turan. Guyyaa hago'oon maayii Yesuus gara Qifirnaahoomii dhufee akka mana jiru dhagayame. Afoon balbala manaa haga isaanitti dhiphatutti namoonni hedduu wolitti qabamanii Inni dubbii Rabbii isaanitti lallabe. Namoonni afurii nama laamshayeeru tokko baadhatanii gara isaa fidan. Sababaa namni baay'ateef gara isaa dhiyeessuu waan dadhabaniif kolba Yesuus jiruun ginnoo manaa saaqanii siree namichi laamshayaan irra ciiseeru woliin gad buusan. Yesuus amantii isaanii argee, namicha laamshayaa saniin, «Ilma kiyya cubbuun kee maruu sii dhiifameera» jedheen. Barsiisota Seera Muuse'ee keessaa gari gariin achi taa'anii turan. Isaan garaa ufii keessatti, «Namichi kun attamitti akkana dubbata? Kun Rabbiin arrabsu'u! Rabbii tokkocha malee eentu cubbuu namaa dhiisuu danda'a?» jedhanii yaadan. Yesuus yoma san garaa isaanii keessatti akka akkana yaadan cora'aan beekee akkana isaaniin jedhe, «Maaf garaa keessan keessatti akkana yaaddan? Namicha Laamshayaa saniin, ‹Cubbuun kee sii dhiifameera› jecho'o moo yookaan, ‹Ka'ii siree tee baadhadhuu deemi› jechu'utu irra salphata? Ani Ilmi Namaa akka ardii irratti dhiifamsa cubbu'uu godhu'uuf baallii qabu akka beettan» jedhee namicha laamshaya'aan, «Ani siin jedha, siree tee baadhadhuu gara mana keetii deemi» jedheen. Uduma isaan argan namichi ka'ee siree ufii baadhatee bayee deeme. Kanaafuu namoonni maruu maalalanii, «Waan akkanaa kana horoma arginee hin beennu» jedhanii Rabbiin galatoonfatan. Akkasuma ammallee Yesuus gara qarqara galaanaa gad bu'e; hennaa san namoonni hedduu gara isaa dhufan; Inni isaan barsiise. Inni uduu karaa san lufa'aaru Leewwiin ilmi Alfiyoosii hulee qaraxa itti qaraxu ka taa'eeru argee, «Na faana koottu» jedheen. Innillee ka'ee isa faanaa deeme. Namoonni Yesuusiin faana deeman heddu waan turaniif, hennaa inni mana Leewwi'iititti hurbaata nyaata'aaru worri qaraxa guuranii fi cubbamtoonni hedduu isaa fi darasoota isaa woliin nyaata'aa turan. Barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonni hennaa inni worra qaraxa guuruu fi cubbamtoota woliin nyaatu arganii barattoota isaatiin, «Inni maaf worra qaraxa guuruu fi cubbamtoota woliin nyaata'aa dhuga?» jedhan. Yesuusillee waan isaan jedhan dhagayee, «Dhukkubsattootaaf malee fayyaaleyyi'iif ogeessi fayya'aa hin barbaachisu. Ani cubbamtoota malee, qajeellota waamu'uuf hin dhufne» isaaniin jedhe. Darasoonni Yohaannisiitii fi Fariisonni waan soomaniif namoonni gari gariin gara Yesuusii dhufanii, «Darasoonni Yohaannisiitii fi Fariisonnii hin sooman; darasoonni tee ammo maaf hin soomne?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee, «Uduu idaayyichi isaan woliin uduu worri jaalaa soomuu hin danda'anii ree? Idaayyichi uduu isaan woliin jiru worri jaalaa soomuu hin danda'an. Haa ta'uu ammo hennaan idaayyichi isaan biraa fudhatamu ammo hin dhufa, isaan hennaa san sooman. Namni uffata moofaa irratti uffata haarawa kutee dhaabee hodhu hin jiru; yoo itti dhaabee hodhe ammo uffanni haarofni sun uffata moofaa hin kukkuta; tarsa'iinsi isaallee ka duraa caala. Ka qalqala moofa'atti daadhii woyini'ii haarawa naqu hin jiru; yoo naqe ammo daadhiin woyini'ii qalqala san hin dhoosa; daadhiinillee jigee bada; qalqallillee hin dhooya. Daadhiin woyini'ii haarofni ammo qalqala haarawatti naqama» jedhe. Guyyaa Sambataa tokko Yesuus maasaa keessa uduu lufa'aaru, darasoonni isaa isa woliin deema'aa asheeta kukkutatuu jalqaban. Fariisonnillee guyyaa Sambataa «Maaf waan Seeraan dhooggame godhan?» jedhaniin. Achiin maayessa Yesuus, «Sambatatu namaaf uumame malee, namni Sambataaf hin uumamne. Maarre; Ani Ilmi Namaa Sambataafillee Goofta'a» isaaniin jedhe. Yesuus hennaa biraa gara mana sagada Yihuudotaa seene; achi namicha harki isaa naafate tokkotu ture. Namoonni Yesuusiin himachuu barbaadanii guyyaa Sambataatiin akka inni isa fayyisu gaadanillee achi turan. Yesuus namicha harki isaa naafate saniin, «Ol ka'ii afoo nama maraatitti dhaabadhu» jedheen. Achiin maayii inni isaaniin, «Guyyaa Sambataatiin waan mishaa godhu'u moo waan badaa godhu'utu Seeraan kennameera? Lubbuu fayyisu'u moo ajjeessu'u?» jedhe. Isaan ammo hin cadhisan. Inni gar jabeenna isaaniititti akka malee gaddee aari'iin gara galee isaan laalee namicha naafata'aan, «Harka kee diriirsi» jedheen. Namichi harka ufii diriirse; harki isaallee hin fayye. Achiin maayii Fariisonni gad bayanii yoma san attamitti akka isa ajjeesan miiltota Heroodisii woliin mari'atan. Yesuus darasoota woliin gara Galaanaa siiqe. Worri Galiila'aa dhufan namoonni hedduu isa faanaa deeman; Namoonni hedduu waan guddaa Inni godhe dhagayanii biyya Yihuuda'aa, qachaa Yerusaalemii, biyya Eeloomiyoosii, biyya laga Yoordaanosiin gamaatii fi naannoo qachoota Xiroosii fi Siidoonaa irraa gara isaa dhufan. Inni waan namoonni guddisanii baay'ataniif dhiibamee akka hin kufne yabala akka isaa qopheessan darasoota ajaje. Namoota heddu waan fayyiseef worri rakkoo qaban martinuu harkaan isa qabu'uuf gara isaa wol dhidhiiban. Ayyaannan battiin hennaa isa argan maraa afoo isaatitti kufanii, «Ati Ilma Rabbiiti» jedha'aa iyyan. Yesuus ayyaanonni battiin sun Inni eennuun akka ta'e akka isa hin himneef jabeessee isaan ajaje. Yesuus gara gaaraa bayee worra barbaade gara ufii waame. Isaan gara isaa dhaqan. Isaan isa woliin akka jiraatanii fi lallabaaf akka ergaman, worra dhibaman akka fayyisanii fi jinniillee akka baasan baallii akka qabaatan namoota kudha lama filatee, «Ergamtoota» jedhee moggaase. Simooniinillee, «Pheexroos» jedhee maqaa moggaase. Ilmaan Zebdewoosiillee Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannisiin, «Bo'anergees» jedhee moggaase; akkas jechuun, «Ilmaan gigissa'aa» jechu'u. Indiriyaas, Filiphoos, Bartolomewoos, Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Ilfiyoosii, Taadewoos, Simoonii hinaaftichaa fi Yihuudaa nama qachaa Keeriyootii ka Yesuusiin dabarsee kenne. Achiin maayessa gara manaa hennaa dhufan, baniin hedduu waan wol gayaniiraniif Inninii fi darasoonni isaa hurbaata nyaachuu dadhaban. Namoonni, «Inni maraateera» waan jedhaniif firtoonni isaa kana dhagayanii isa qabu'uuf dhufan. Barsiisonni Seera Muuse'ee worri Yerusaalemii dhufan ammo, «Bi'el Zebul isa keessa jira! Inni hunna mootii jinnootaatiin jinnii baasa» Yesuusiin jedhan. Inni gara ufii isaan waamee mammaakaan akkana isaaniin jedhe, «Seexanni attamitti seexana baasuu danda'a? Mootummaan tokko yoo ufii wol qoqqoode mootummaan sun dhaabachuu hin danda'u. Maatiin mana tokko keessatti yoo ufii wol qoqqoode maatiin sun dhaabachuu hin danda'u. Seexanni ufii wol mormee yoo gar gar baye sun badii isaa ta'a malee dhaabachuu hin danda'u. Eennullee duraan dursee nama jabaa uduu hin hiine mana nama jabaa sanii seenee mi'a isaa saamuu hin danda'u; Yoo hidheen maayii mana isaa san seenee saamuu danda'a. «Ani dhuga'aan isiniin jedha cubbuun marti, nama arrabsuunillee dhiifamsa qaba. Nama Ayyaana Woyyuu arrabsu kamiifuu ammo, gatii cubbuu bara baraa itti ta'a malee sirima dhiifamsa hin argatu» Yesuus sababa namoonni, «Inni ayyaana hamaa qaba» jedhaniif kana isaaniin jedhe. Achiin maayessa haati Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa dhufanii diida dhaabatanii nama gara isaa erganii waamsisaniin. Gumiin isa marsitee teetteertu Yesuusiin, «Kunoo, haati teetii fi obboleeyyan tee si soqaa dhufanii diida dhaabataniiran» jedhaniin. Inni deebisee, «Haati tiyya eennu? Obboleeyyan tiyya eennu fa'a?» isaaniin jedhe. Inni gara worra isa marsanii taa'aniiranii midhatee, «Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyyallee kunooti. Namni fedhii Rabbii raawwatu maruu obboleessa kiyya, obboleettii tiyyaa fi haadha tiyya» jedhe. Yesuus ammallee yabala galaana Galiila'aa irra jirtu irra taa'ee barsiisuu jalqabe. Namoonni hedduu isa bira qarqara galaanaa turan. Baniin maruu qarqara galaanaa lafa irra turan. Inni waan hedduu mammaakaan barsiisa'aa ture. Hennaa barsiisu akkana isaaniin jedhe: «Dhagayaa'a! Namichi tokko sanyii facaasu'uuf baye. Hennaa facaasu tokko tokko daangaa kara'aa irratti bu'ee simbirroonni dhufanii nyaatan. Ka biraallee lafa biyyee guddaa hin qabne ka jalli isaa dhaga'aa irra bu'e; biyyeen gad fageenna waan hin qabneef yoma san mute. Hennaa aduun baate ammo hin qoore; hiddalle waan hin godhanneef goge. Ka biraallee qoree eddu'utti bu'ee sanyii hin godhanne. Ka biraa ammo lafa mishaa irratti bu'ee mutee guddatee sanyii kenne. Gariin soddoma, gariin jahaatama, gariinillee sanyii dhibba kenne.» Achiin maayessa Yesuus, «Ka gurra dhagayu qabu haa dhagayuu» jedhe. Hennaa Yesuus hojja jirutti worri hulee sanii darasoonni kudha lamaa waan mammaaka kanaa isa gaafatan. Inni akkana isaaniin jedhe: «Dhossaa jeennata Rabbii beekuun isinii kennameera. Worra diida jiraniif ammo wonti maruu mammaakaan himama. Sababaan, ‹Uduma laalan horoma akka hin argineef; uduma dhageeffatan horoma akka hin hubanneef, gara Rabbii deebi'anii, cubbuun isaaniillee akka isaanii hin dhiifamne.› » Achiin maayessa Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Mammaaka kana hin hubannee? Eegasuu attamitti mammaaka biraa beettan ree? Namichi facaasu dubbii Rabbii facaasa. Sanyiin karaa irratti harca'e mammaaka worra akkuma dubbii Rabbii dhagayaniin Seexanni dubbii dhagayan san isaan keessaa fudhatuuti. Sanyiin lafa dhagaa irratti harca'e mammaaka worra dubbii Rabbii akkuma dhagayaniin gammachu'uun fudhataniiti. Isaan ammo hidda gad fagaatu waan hin qabneef hennaa diqqo'oof dhaabatan; maayii sababa dubbii Rabbiitiif rakkinninii fi miidhaan yoo dhufe yoosuu gufatan. Sanyiin qoree keessatti bu'e mammaaka worra dubbii Rabbii dhagayaniiti; haa ta'uu ammo yaaddayu'uun jireenna adunyaa tanaa, durumma'aan sobamu'uu fi halchi waan adda addaa itti seenee, dubbii Rabbii huutee uduu sanyii hin godhanne hafan. Sanyiin lafa mishaa irratti bu'e ammo mammaaka worra dubbii Rabbii dhagayanii fudhatanii gariin sanyii soddoma, gariin sanyii jahaatama, gariinillee sanyii dhibba godhatan» jedhe. Yesuus akkana isaaniin jedhe: «Ibsaa fidanii gombisoo yookaan siree jala hin kaayanii ree? Kololee irra kaayanii mii? Wonti dhokate mudhatuun, wonti golgame ifatti bawuun isaa hin hafu. Ka gurra dhagayu qabu yoo jiraate haa dhagayuu.» Yesuus akkana isaaniin jedhe: «Waan dhageettan qalbifadhaa'a! Bikkituu isin itti bikkitanitti isiniif bikkama; ka san caalutu isinii eda'ama. Ka qabuuf eda'amee kennama; ka hin qabneef ammo ta qabu sunuu irraa fudhatamti.» Yesuus ammallee akkana jedhe: «Jeennanni Rabbii nama maasa'atti sanyii facaasu fakkaatti. Namichi halkan hin rafa, guyyaa hin ka'a; inni attam akka ta'e uduu hin beenne sanyiin mutee guddata. Ardiin akka sanyiin ufumaan mutee guddatu gooti. Dura mutee hudha, itti aansee hin daraara, achiin maayii tumee gaya. Hennaa sanyiin gayee goge, haamaan waan gayeef yoosuu worri haamu haamaa jalqaba.» Yesuus akkana jedhe: «Jeennata Rabbii maali'iin wol fakkeessina? Yookaan mammaaka attamiitiin himna? Isiin akka sanyii Heexo'ooti; Isiin hennaa lafatti facaasan sanyii lafa irra jiru maraa irra diqqo'o. Hennaa facaafamte muttee guddatti; ta biqiltuu maraa caaltu taati; dameewwan gugurdaa baafatti; Simbirroonni dhufanii gaaddisa damee isi'ii jalatti maandhee ijaaratan.» jedhe. Yesuus mammaaka hedduu ka kanniin fakkaatuun haga hubannaa isaaniititti dubbii isaanitti hima'aa ture. Inni waa maraa mammaakaan isaanitti hime. Hennaa darasoota ufii woliin hojja jiru ammo waa maraa isaanii ibsa'aa ture. Gaafas hennaa aduun dhiite Yesuus, «Beenaa galaana gama ceenaa» isaaniin jedhe. Darasoonni isaa banii achitti dhiisanii Yesuusiin akkuma durumaa yabala keessa taa'eeruun isa fuudhanii deeman. Yaballan biraallee isa woliin turan. Bubbeen jabaan bubbisee dambaliin bisaanii haga yabala guututti itti seena'aa ture. Inni yabala san keessaa gara duubaatiin boraatii boraafatee rafee ture. Darasoonni isaa isa dammassanii, «Barsiisaa'a! baduun keenna garaa si hin nyaatuu?» jedhaniin. Inni dammaqee bubbee san teedeffate; dambali'iinillee, «Cadhisi! Hin socho'in!» jedhe; bubbeenillee hin cadhise, hin sokossinelle'e. Achiin maayii darasoota ufiitiin, «Maaf akkana sodaattan? Haga ammaallee amantii hin qabdanii» isaaniin jedhe. Guddisanii waan sodaataniif, «Ka bubbeenii fi dambaliin ajajamuuf kun eennu inni?» woliin jedhan. Yesuusii fi darasoonni isaa galaana gama gara biyya Gergesooni dhaqan. Hennaa Yesuus yabala keessaa baye namichi ayyaanni battiin dhayeeru tokko awwaallan jiddu'uu bayee gara isaa dhufe. Namichi kunillee bakka awwaalaa jiraata'aa ture; eennullee haada sibiilaatiin isa hidhuu hin dandeenne. Hennaa hedduu haada sibiilaatii fi gaadii sibiilaatiin hidhama'aa ture. Haa ta'uu ammo haada sibiilaa uf irraa kukkuta'aa, gaadii sibiilaallee caccabsa'aa ture. Namni danda'ee isa gad qabu tokkolle hin jiru. Hennaa maraa halkanii fi guyyaa awwaallan jiddu'uu fi gaarran irra naannaya'aa iyya'aa nafa ufii dhaga'aan duguuga'aa ture. Inni hennaa Yesuusiin fago'otti arge gara isaa fiigee jilbiiffatee sagadeefii, laagaa gudda'aan iyyee, «Yesuus! Ilma Rabbii maraa olii! Maal na irraa qabda? ani Rabbiin si wogee na hin rakkisin» jedheen. Yesuus, «Ayyaana battii! nama kana keessaa bayi» waan isaan jedheeruuf. Yesuus, «Maqaan kee eennu?» jedhee isa gaafate. Inni, «Nu waan heddu taaneef maqaan kiyya duula» jedhee isaa deebise. Biyya san keessaa akka isaan hin baafneef inni jabeessee isa kadhate. Ededa gaara achi jiruu irra gobbuun booyye'ee heddu bobbayanii waan turaniif, «Gara booyyotaa akka gallu nu ergi» jedhanii kadhatan. Yesuusillee, «Maarre» isaaniin jedhe. Ayyaannan battiin sunniin namicha keessaa bayanii gara booyyotaa galan. Gobbuun booyye'ee ka haga kuma lamaa gayan, afaan qile'ee irraa gara galaanaa gad gugatanii liqimfaman. Jarri tisse'eellee dheessanii, waan ta'e san qacha'aa fi baadiyyaa keessatti odeessan. Namoonnillee waan ta'e san laalu'uuf dhufan. Hennaa Yesuusiin bira gayan namichi duula jinni'iitiin dhayamee ture sun uffata uffatee qalbiinillee deebiteefii ka taa'eeru arganii sodaatan. Namoonni isa argan sun waan namichi jinniin dhaye sun ta'ee fi waan booyyotaa bani'itti odeessan. Achiin maayii akka Yesuus biyya isaanii dhiisee deemu Isa kadhatan. Hennaa Yesuus achii deemu'uuf yabala yaabbata'aaru namichi jinniin dhaye sun, «Ani si woliin deema» jedhee isa kadhate. Yesuus ammo didee, «Gara mana keetii deebi'ii galii; waan guddaa attamii akka Gooftaan sii godhee fi attamitti akka inni sii araarame worra keetitti himi!» jedheen. Namichillee deemee, waan guddaa attamii akka Yesuus isaa godhe biyya qachoota kudhan jedhamu maratti odeesse. Baniin dhagaye maruu hin maalalfate. Yesuus galaana gama yabalaan haga ceeyeen maayii namoonni hedduu wol gayanii gara isaa dhufan; Inni qarqara galaanaa ture. Namni Iyaayiroosi jedhamu bulchaan mana sagada Yihuudotaa tokko dhufee hennaa Yesuusiin arge luka isaa jalatti kufee, «Mucattiin tiyya diqqoon dhibamtee afaan du'aa jala waan jirtuuf, akka fayyitee lubbu'uun jiraattu koottuu harka kee isii irra kaayi» jedhee jabeessee kadhate. Achiin maayii Yesuus isa woliin deeme; namoonni hedduullee isa faanaa deemanii gara maraan isa hucuucan. Dubartiin dhiinni isi'ii woggaa kudha lamaaf jigu'uun rakkattu takka achi turte. Isiin ogeeyyii qorichaa biratti yaalama'aa birrii ufii fixattullee dhibeen itti jabaate malee womaa isi'ii hin cabne. Isiin hennaa gurra Yesuusii dhageette isa duubaan gumii jiddu'uun dhuftee uffata isaa tuxxe. Isiin, «Ani yoo uffata isaa tuqe hin fayya» jettee garaa ufiititti yaaddee turte. Yoma san dhiinni isi'ii jiguu dhiisee, isiin dhibee ufii irraa akka fayyite uf irratti beette. Yesuusillee yoosuu akka hunniti fayyumsaa isa irraa baye beekee, gumii jiddu'utti uf irra gara galee, «Uffata kiyya eentu tuqe?» jedhe. Darasoonnillee, «Uduu akka gumiin si dhidhiiba'aaru argitu, ‹Eentu na tuqe?› jettee gaafattaa?» jedhaniin. Yesuus ammo nama isa tuqe argu'uuf uf irra gara galee laale. Dubartittiin ammo waan isi'ii godhame beettee sodaata'aa hollata'aa dhuftee luka isaa jalatti kuftee dhugaa maraa itti himte. Inni, «Intala tiyya! amantiin kee si fayyiseera; nagayaan deemi; dhibee kee irraa fayyi» isi'iin jedhe. Innillee uduma dubbata'aaru namoonni tokko tokko mana Iyaayiroosii bulchaa Mana sagada Yihuudotaatii dhufanii, «Intalti tee duuteertii maaf barsiisaa dadhabsiifta?» jedhaniin. Yesuus ammo waan isaan jedhan san nafaan didee bulchaa Mana sagada Yihuudotaatiin, «Amani malee hin sodaatin!» jedheen. Yesuus: Pheexroosiin, Yaaqoobii fi obboleessa Yaaqoobii Yohaannisii achi eennullee akka isa faanaa deemu hin barbaanne. Hennaa mana bulcha'aa san bira gayan Yesuus namoonni iyya'aa, woca'aa, uduu booyan arge. Inni mana seenee, «Maaf woca'aa boottan? Mucattiin hin rafteerti malee hin duune» isaaniin jedhe. Isaan ammo itti kolfan. Achiin maayii inni isaan maraa manaa baasee abba'aa fi haadha mucatti'ii, darasoota isa woliin jiranillee qabatee gara gola reeffi mucatti'ii jiru san seene. Harka mucatti'ii qabee, «Xaliitaa quumii!» jedheen. Hiikkaanillee, «Mucattii diqqoo'o! Ol ka'i!» jechu'u. Mucattiin yoosuu kaatee dhaabattee deddeemte. Isiin nama woggaa kudha lamaati. Waan ta'e san guddisanii maalalfatan. Yesuus waan ta'e kana eennuttillee akka hin himne jabeessee isaan seere; waan nyaattu akka isi'ii kennan isaanitti hime. Yesuus achiillee bayee gara qachaa ufii dhaqe; darasoonnillee isa faanaa deeman. Inni guyyaa Sambataatiin mana sagada Yihuudotaatitti barsiisuu jalqabe. Worri isa dhagayan heddu isaanii maalalfatanii, «Namni kun waan kanniin eessaa argate? Ogummaa attamiititu isaa kennameera? Baasa akkanaa kanniin attamitti huja? Inni ogeessa muka bocu; ilma Maariyaamiitii mii? Ilmaan haadhaallee Yaaqoob, Yooseef, Yihuuda'aa fi Simoon fa'aa mii? intallan haadhaallee as nu bira jiranii mii?» jedhanii tuffatanii isa didan. Yesuusillee, «Raanni tokko biyya biraatitti malee biyya ufii, fira ufiitii fi mana ufiititti hin kabajjamu» isaaniin jedhe. Inni achitti dhukkubsattoota hagoo irra harka ufii kaayee fayyise malee baasa biraa achitti hujuu hin dandeenne. Amantii dhabuu isaaniitiinillee guddisee maalale; Yesuus gandoota biraatii gara ganda biraa naannaya'aa barsiisa'aa ture. Achiin maayii inni darasoota kudha lamman gara ufii waamee, ayyaannan battii irratti baallii kenneefii, lama lama godhee isaan erge. Imala keessaniif ulee malee, xoroshoo fi korojoo akka hin qabanne, birriillee sabbatatti akka hin guduunfanne isaan ajaje. «Luka teessanitti kophee godhadhaa'a; uffata uffattan malee ka biraa hin qabatinaa'a. Hulee kamittuu gara manaa yoo seentan haga achii baatanitti achuma taa'aa'a. Bakka isin hin simannee fi hin dhageeffanne maratti achii yoo baatan ragaa akka isaanitti ta'u daaraa luka keessanii dhadhayadhaa'a» isaaniin jedhe. Isaanillee bayanii akka baniin aagii galan lallaban. Jinnii hedduu baasanii dhukkubsattoota hedduullee sayitii itti diba'aa fayyisan. Gurri Yesuusii waan dhagayameeruuf mootichi Heroodis waan kana dhagaye. «Yohaannisii cuupha'atu du'aa ka'eera; kanaafuu baafni kun isaan hojjatama'aara» jedhe. Worri kuuwwan, «Inni Eeliyaasi» jedhan; kuuwwan ammo, «Inni raattota durii keessaa tokko» jedhan. Heroodis hennaa waan kana dhagaye, «Kun Yohaannisii ani morma isaa mursiisetu du'aa ka'e» jedhe. Heroodis haadha manaa obboleessa ufii ta Filiphoosii Heroodiyaadaa fuudhee ture; inni isi'iif jedhee itti ergee Yohaannisiin qabsiisee mana hidha'aatitti hiisise. Sababaan waan Yohaannis Heroodisiin, «Haadha manaa obboleessa keetii fuudhuun seeraa miti» jedha'aanii tureef. Herodiyaadaan ammo Yohaannisitti gadoo qabattee isa ajjeesu'uuf barbaadde. Haa ta'uu ammo isi'iif hin danda'amne. Sababaan Heroodis Yohaannis nama qajeela'aa fi Woyyuu akka ta'e beekee sodaatee eessisa'aa ture. Heroodis hennaa dubbii Yohaannisii dhagaye akka malee yaaddaye. Ta'ullee gammachu'uun isa jalaa dhagaya'aa ture. Heroodis guyyaa qaabachuu dhalatuu ufii kabajju'uuf hoggantoota, ajajoota loltuu kumaatii fi bulchoota Galiila'aatii hennaa nyaata qopheesse, Herodiyaadaan karaa argatte. Mucattiin Herodiyaada'aa hennaa ol seentee sirbite Heroodisii fi worra isa woliin taa'an maraa hin gammachiifte. Mootiinillee mucatti'iin, «Woma barbaadde maraa na kadhadhu sii kennaa» jedheen. «Wodhakkaa mootummaa kiyyaallee yoo ta'e woma feete maraa na kadhadhu sii kennaa» jedhee kakate. Mucattiin baatee haadhaan, «Maal kadhadhuu?» jette; isiinillee, «Mataa Yohaannisii cuupha'aa kadhadhu» jetteen. Yoma san daddaftee gara mooti'ii seentee, «Mataa Yohaannisii cuupha'aa amma qori'itti akka naa kennitu barbaada» jettee kadhatte. Mootiin guddisee gadde; haa ta'uu ammo sababa keessummoota afo'otti isi'ii kakateef waan isiin jette dhooggatuu hin feene. Hennama san mootiin worra eegu keessaa loltuu tokko mana hidha'aatitti ergee, mataa Yohaannisii akka fidu ajaje. Inni dhaqee morma isaa muree, mataa isaa qorii keessa kaayee fidee mucatti'ii kenne. Mucattiin haadhatti kennite. Darasoonnillee dhagayanii dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaalan. Ergamtoonni Yesuusiin biratti wol gayanii waan godhanii fi waan barsiisa'aa turan maraa himan. Inni, «Hojjuma keessan gara lafa gammoojji'ii kootta'aatii diqqoo hara baafadhaa'a» jedheen. Isaanillee sababaa worri dhufanii fi worri deeman heddu ta'aniif nyaataafuu hennaa dhaban. Achii ka'anii Yabalaan hojja isaanii gara gammoojji'ii deeman. Namoonni hedduu hennaa isaan deeman arganii beekaniin; qachoota maraa keessaa bayanii lukaan fiiga'aa isaan firrisanii achi Isa biratti wol gayan. Yesuusillee hennaa yabala irraa bu'e banii hedduu argee akka hoolota tissee hin qabnee waan jiraniif isaanii gaddee, waan hedduu isaan barsiisuu jalqabe. Hennaa aduun dhiite darasoonni gara isaa dhiyaatanii bakki gammoojji'i; amma dhiyeeraa, «Waan nyaatan waan hin qabneef gara baadiyya'aa fi olloota naannoo jiranii deemanii waan nyaatan akka bitatan gad isaan dhiisi» jedhaniin. Inni ammo deebisee, «Isinuu waan nyaatan keenna'aafii» isaaniin jedhe. Isaan ammo, «Deemnee dinaara dhibba lamaan xoroshoo binnee isaanii kenninaaree?» jedhaniin. Innillee, «Xoroshoo meeqa qabdan? Mee dhaqa'aa laalaa'a» jedheen. Isaanillee haga laalaniin maayii, «Xoroshoo shanii fi qurxummii lama» jedhaniin. Yesuus akka isaan namoota maraa tuuta tuutaan marga lalisaa irra teessisan ajaje. Isaan tuuta dhibba dhibbaa fi shantama shantama ta'anii tataa'an. Yesuus xoroshoo shanii fi qurxummii lamaan san fuudhee gara sami'ii ol laalee galata galchee, xoroshoo san caccabsee akka isaan namootaa qoodan darasoota ufiititti kenne. Qurxummii lamaanillee maruma isaaniitiif qoode. Maruu nyaatanii quufan. Hambaa xorosho'ootii fi qurxummi'ii masoobii kudha lamaa guutuu kaasan. Worri xoroshoo san nyaatan dhiirti callaan kuma shan. Yoosuu uduu Yesuus banii geegessa'aaru darasoonni yabala keessa seenanii gara Beetasaayida'aa firrisanii akka lufan isaan ajaje. Haga isaan uf irraa geegesseen maayii faateffachu'uuf gara gaaraa ol baye. Hennaa aduun dhiite Yaballi sun galaana wodhakkaa uduu jirtu inni hojja ufii lafa irra ture. Bubbeen gara isaanii bubbisa'aa waan tureef shaffisa'aan dhayata'aa akka rakkata'aaran argee, iyya lukkuu lammeesso'oo galaana irra deema'aa gara isaanii dhufee isaan bira akka waan lufuu ta'e. Isaan ammo uduu inni galaana irra deemu arganii ekeraa isa seeyanii iyyan. Martinuu hennaa isa argan hin bararraaqan. Inni yoosuu, «Jabaadhaa'a! na'aa, hin sodaatinaa'a!» isaaniin jedhe. Inni gara isaanii Yabalatti ol baye; bubbeenillee gab jedhe. Isaanillee guddisanii maalalan. Sababaan qalbiin isaanii waan duudeeruuf isaan baasa xorosho'oo san hin hubanne. Yesuusii fi darasoonni isaa galaana gama yabalaan ceeyanii Geensaareexitti lafa gayan. Yabala san achitti hidhan. Yabala keessaa hennaa bayan yoosuu akka inni Yesuusiin ta'e beekanii, biyya san maraa keessa asii fi achi fiiganii namoonni naannoo biyya sanii martinuu dhukkubsattoota wosaasa'aan baadhatanii, hulema Inni gaye jedhan maraa dhagaya'aa gara isaa fidan. Gandootatti, qachootatti, yookaan baadiyya'atti hulee Yesuus dhaqe maratti dhukkubsattoota gara isaa fida'aa turan. Dhukkubsattoonni qaccee uffata isaa tuqu'uuf isa kadhata'aa turan; worri isa tuqan maruu hin fayyan. Fariisonninii fi barsiisonni Seeraa worri Yerusaalemii dhufan gariin Yesuusiin biratti wol gayan. Darasoota isaa keessaa gariin uduu hin dhiqanne harka xuri'iitiin uduu xoroshoo nyaatan argan; Fariisonninii fi Yihuudonni maruu seera manguddootaa eegu'uuf harka ufii midhaassanii uduu hin dhiqatin hin nyaatan. Gabaya'aa yoo deebi'an uduu uf hin qulqulleessin hin nyaatan. Aadaan isaan kabajjan ka biraallee heddutu jira; isaan kobbee, ottee, qorii, waan akka sibiila irraa hojjatamee fi siree fa'a dhiqu'u. Kanaaf Fariisonninii fi barsiisonni Seeraa, «Darasoonni tee maaf akka aadaa manguddootaatitti jiraatuu dhiisanii harka xuri'iitiin hurbaata nyaatan?» jedhanii Yesuusiin gaafatan. Inni ammo deebisee, «Bada fakkeessitoota, Isaayyaas waan keessan raagee, ‹Baniin kun afaaniin na kabajja; garaan isaanii na irraa fago'o. Aadaa namaa akka ajaja Rabbiititti barsiisa'aa, na waaqeffatuun isaanii gatii hin qabu› ka jedhe dhuga'a. Isin ajaja Rabbii dhiiftanii xuwwe'ee fi ottee dhiqu'uun seera namaa eeddan. Kanaaf waan kana fakkaatu waan biraallee waan heddu gootan» isaaniin jedhe. Yesuus akkana isaaniin jedhe: «Aadaa teessan jabeessu'uuf jettanii ajaja Rabbii guddiftanii tuffattan. Muuseen, ‹Haadhaa fi abbaa kee kabajji! Ka haadhaa fi abbaa ufii abaaru haa ajjeefamuu› jedhee ajajee waan tureef. Isin ammo namni tokko haadhaan yookaan abba'aan ‹gargaarsa na irraa argattan maraa kennaa godhee kenneera› uduu isaaniin jedhee, isin namni kun asiin maayessa haadhaaf ta'ee'e abba'aaf, woma tokkollee akka isaaniif godhu hin hayyamtaniif. Aadaa teessan ta wolitti dabarsitan sanniiniif dubbii Rabbii diiddan. Akkasuma waan kanniin fakkaatu waan heddu gootan. Akkasuma baniillee waamee, «Isin martinuu na dhageeffadhaa'a; qalbeeffadhalle'e. Wonti nama batteessu waan keessa namaatii bayu malee, ka diidaa gara gara'aa seenu tokkollee nama hin batteessu. [Ka gurra dhagayu qabu yoo jiraate haa dhagayuu]» isaaniin jedhe. Banii keessaa gara manaa hennaa seene darasoonni isaa waan mammaaka sanii isa gaafatan. Inni akkana isaaniin jedhe, «Isinillee kana maraa worra hin qalbeeffannee? ka diidaa gara afaanii seenu sirimaa akka nama hin batteessine hin argitanii? Gara gara'aa seenee gara diidaa baya malee, gara qalbi'ii hin seenu» Yesuus akkana jechu'uun nyaanni martinuu qulqulluu akka ta'e ibse. Yesuus itti aansee akkana jedhe, «Waan garaa namaa keessaa bayutu nama batteessa. Wonti garaa namaa keessaa bayu yaada hamaa, seebaruu, hanna, ajjeesuu, sagaagaluu, luqunuu, hammeenna, sobuu, adaba dhabuu'u, hinaaffaa, maqaa nama balleessuu'u, uf jaju'uu fi ceem'uu fa'a. Hamtuun kun martuu keessa namaatii bayee nama batteessa.» Yesuus achii ka'ee gara biyya Xiroosiitii fi Siidoona'aa dhaqee gara mana tokkoo seene. Akka inni achi jiru eennullee akka beeku hin barbaanne; haa ta'uu ammo dhokachuu hin dandeenne. Dubartiin takka ta mucattiin isi'ii ayyaana batti'iin qabamteertu gurra Yesuusii dhageettee dhuftee luka isaa jalatti jidde. Dubartittiin sun nama Giriikiiti; isiin biyya Sooriya'aa keessatti hulee Finiiqee jedhamtutti dhalatte. Isiin akka mucattii isi'ii keessaa jinnii baasuuf Yesuusiin kadhatte. Yesuus ammo, «Mee dura ijoolleen nyaattee haa quuftuu; nyaata ijoolle'ee fuudhanii sariinii darbuun sirri'ii miti» jedheen. Isiin deebiftee, «Ee, Gooftaa'a, sariinillee waanuma qorii ijoolle'ee irraa harca'e nyaatanii mii!» jetteen. Inni isi'iin, «Dubbima kee kanaafuu jinniin mucattii tee keessaa bayeera; gara mana keetii gali» jedhe. Isiin hennaa gara manaa deebitee galte jinniin mucattii keessaa bayee mucattiinillee ta siree irra ciifteertu argite. Achiin maayii Yesuus qachaa Xiroosiitii bayee karaa Sidoona'aatiin lufee biyya qachoota kudhanii jedhamtu keessa bayee gara galaana Galiila'aa dhaqe. Jarri tokko namicha gurra duuda'aa ka afaan wol hidhu gara Yesuusii fidanii, akka inni harka ufii isa irra kaayuuf kadhatan. Yesuus namicha san gumii keessaa adda baasee, quba ufii gurra isaa keessa kaaye. Achiin maayii tufee arraba isaa tuqe. Gara sami'ii ol jedhee laalee, hafuura guddaa baafatee, «Eftaahi» jedheen. Akkas jechuun, «Banami!» jechu'u. Yoosuu gurri isaa banamee arrabni isaallee hiikkamee qajeelchee dubbate. Yesuus eennuttillee akka hin himne isaan seere. Isaan ammo guddisanii odeessan. Worri dhagayan maruu waan kana hagaa olitti maalalfatan, «Wonti inni godhe martuu misha'a; worri gurra duude akka dhagawu, worri afaan duude akka dubbatu godha!» jedhan. Hennaa san gumiin guddaan Yesuusiin biratti wol gaye; sababaa isaan waan nyaatan dhabaniif Yesuus darasoota gara ufii waamee akkana isaaniin jedhe, «Baniin kun na woliin guyyaa sadihii waan turaniiraniif waan nyaatan waan hin qabneef garaa na nyaatan; Isaan keessaa gari gariin lafa fago'oo waan dhufaniiraniif uduu isaan waa hin nyaachifne gara manaa deema'aa galaa yoo jenne, karaa irratti laafanii kufan.» Darasoonni isaa deebisanii, «Lafa gammoojjii akkanaatitti nyaata namoota haganaatii gayu eessaa fuuna» jedhaniin. Inni, «Xoroshoo hagam qabdan?» jedhe isaan gaafannaan, «Xoroshoo torba» jedhaniin. Inni gumii saniin, «Lafa taa'aa'a» jedhee xoroshoo torbaa san fuudhee Rabbiin galatoonfatee caccabsee gumi'ii akka qoodan darasoota ufiititti kenne; isaanillee gumii taa'e sanii qoodan. Akkasuma isaan qurxummii didiqqoo hagoo qaban; Yesuus qurxummii saniifillee Rabbiin galatoonfatee akka gumi'ii qoodan darasoota ufiititti kenne. darasoota woliin gara aanaa Dalmaanuta'aa dhaqe. Fariisonni qoru'uuf bayanii malkata samii irraa akka itti mudhisu isa irraa barbaadanii isaan wol mormuu jalqaban. Inni hafuura guddaa baafatee, «Dhaloonni kun maaf malkata barbaadan? Dhuga'aan isiniin jedha, dhaloota kanaaf malkanni hin kennamu!» jedhe. Achiin maayessa inni achumatti isaan dhiisee yabala keessa seenee gama ceeye. Darasoonni dhalee qabachuu waan irraanfataniif xoroshoo tokkottii malee yabala keessaa womaa hin qaban. Yesuus isaaniin, «Laalladhaa'a! raacitii Fariisotaatii fi Heroodiisii irraa uf eeggadhaa'a.» jedhee isaan seere. Isaan, «Waan nu dhalee hin qabneef akkana nuun jedha» jedhanii woliin qaaqan. Yesuus yaada isaanii beekee akkana isaaniin jedhe, «Maaf waan dhalee dhabuu keessanii woliin qaaxxan? Isin Haga ammaa hin beennee yookaan hin hubannee? Qalbiin teessan duuda'a? Uduu ija qabdan hin argitanii? Gurra uduu qabdan hin dhageettanii? hin qaabattanii? Hennaa ani xoroshoo shanii namoota kuma shaniif caccabsee kenne hambaa hafe masoobii hagam kaaftan?» isaanillee, «Kudha lama» jedhanii deebisaniif. Yesuus itti aansee akkana isaaniin jedhe, «Xoroshoo torba namoota kuma afuriif hennaa caccabse, hambaa hafe masoobii hagam guutuu kaaftan?» Isaanillee, «Torba» jedhaniin. Inni, «Isin haga ammaallee hin hubannee?» isaaniin jedhe. Yesuusii fi darasoonni isaa gara Beetasaayida'aa dhufan. Jarri tokko nama ijji isaa hin argine tokko gara isaa fidanii akka inni harkaan qaqqabu kadhatan. Yesuus namicha jaamaa san harka ufii isa irra kaayee qabee ganda san keessaa baasee ija isaatitti tufee, harka ufii irra kaayee, «Waa arga'aartaa?» jedhee gaafate. Namichi ol jedhee laalee, «Ee, namoota arga'aara; haa ta'uu ammo akka waan munni deemuu natti fakkaata» jedhe. Yesuus ammallee harka ufii ija namichaa irra kaaye. Hennaa san namichi guuttatee laale. Ijji isaa fayyitee waa maraa midhaassee arge. Achiin maayessa Yesuus, «Ganda keessa hin deddeemin; eennuttillee hin himin» jedhee namicha gara mana isaa erge. Yesuusii fi darasoonni isaa gara ganda Filiphoos Qisaariya'aa bayanii, inni uduu deema'aaran karaa irratti «Namoonni naan eennu jedhan?» jedhee darasoota gaafate. Isaan, «Gariin Yohaannisii cuupha'a, gariin Eeliyaas, kuuwwan ammo raattota keessaa tokko siin jedhan» jedhanii deebisaniif. Yesuus, «Isin hoo eennu naan jettan?» jedhee isaan gaafate. Pheexroosillee, «Ati Kiristoos» jedhee deebise. Waan isaa eennuttillee akka hin himne isaan seere. Achiin maayii Yesuus, «Ilmi Namaa manguddoota biyyaa, bulchoota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetiin guddisee rakkata. Inni hin jibbama, hin ajjeefama; guyyaa sadihiin maayii hin ka'a» jedhee isaan barsiisuu jalqabe. Inni waan kana ibsee dubbate. Pheexroos Yesuusiin ufitti sissee isa teedeffatuu jalqabe. Inni ammo gara galee darasoota laalee Pheexroosiin, «Seexana nana, na biraa fagaadhu; Ati waan namaa malee, waan Rabbii hin yaaddu» jedhee teedeffate. Achiin maayii Yesuus gumii'ii fi darasoota ufitti waamee, «Namni na faanaa deemuu barbaadu yoo jiraate, uf haa waakkatuu; fannoo ufiillee baadhatee na faanaa haa deemuu. Namni lubbuu ufii hambifachuu barbaadu maruu hin balleeffata; ka waan kiyyaa fi waan Dubbii Nagayaatiif lubbuu ufii balleeffatu maruu ammo hin oolfata. Namni waan adunyaa tanaa maraa qabaatee lubbuu ufii yoo dhabe ammo maal isaa godha? Namni bikka lubbuu ufii maal kennuu danda'a? Namni kamuu dhaloota seebaruu fi cubbamaa kana keessatti naa fi dubbii kiyyatti yoo saalfate, Ilmi namaa hennaa ulfinna Abbaa ufiitii fi maleekkota Woyyuu woliin dhufu isatti saalfata» jedhe. Yesuus deebi'ee, «Dhugamaan isiniin jedha; jeennanni Rabbii hunnaan hennaa dhuftu namoota as dhaabatan kanniin keessaa uduu hin du'in worri argan hin jiran» jedhe. Yesuus guyyaa jahaan maayii Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannisiin qabatee hojja isaanii gara gaaraa ol isaan baase. Achitti inni afoo isaaniititti jijjiirame. Uffanni isaallee haga miiccuun adunyaa tanaa kamiiyyuu miiccee addeessuu dandeettu caalaa adii weeccaa ta'e. Achiin maayessa darasoonni sadiin Eeliyaasii fi Muuseen uduu Yesuusiin woliin qaaqa'aaran argan. Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisaa'a! As jiraachuun keenna nuu misha'a! Koottaa asitti daasee sadihii tokko si'iif, tokko Muuse'eef, tokko Eeliyaasiif haa ijaarruu» jedheen. Isaan akka malee waan sodaataniiraniif Pheexroos woma jedha'aaruu hin beenne. Achiin maayessa duumessi isaan golge. Duumessa san keessaan laagaan, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhu kanaa isa dhagayaa'a» jedhu dhufe. Hennama san gara galanii hennaa laalan isaan woliin Yesuusiin malee eennuunuu hin argine. Isaan uduu gaara irraa gad bu'aaran Yesuus, «Haga Ilmi namaa du'aa ka'utti waan argitan eennuttillee hin himinaa'a» jedhee isaan seere. Isaan waan inni isaanitti hime san garamatti qabatanii, «Du'aa ka'uun maali'i?» jedha'aa wol gaggaafatan. Isaanillee deebi'anii, «Barsiisonni seeraa, ‹Maaf Eeliyaas firrisee dhufa› jedhan?» jedhanii Yesuusiin gaafatan. Yesuus akkana jedhee isaanii deebiseef, «Waan maraa midhaassu'uuf dhugamaan Eeliyaas firrisee dhufa; haa ta'uu ammo Ilmi Namaa akka guddisee rakkatuu fi jibbamu maaf barreeffame ree? Ani ammo akkana isiniin jedha, Eeliyaas dhufeera; akkuma waan isaatiif barreeffame waanuma fedhan maraa isa irratti godhan» isaaniin jedhe. Hennaa Yesuusii fi darasoonni sadiin gara darasoota kaawwanii dhufan gumiin guddaan isaan marsanii barsiisonni Seera Muuse'ee hennaa isaaniin wol morman arge. Gumiin sun hennaa Yesuusiin argan maalalfatanii gara isaa fiiganii nagaya gaafatan. Yesuus, «Wonti isin irratti wol mormitan maali'i?» jedhee isaan gaafate. Gumii san keessaa namichi tokko deebisee, «Barsiisaa'a! mucaa kiyya ka jinniin afaan duuchu dhayeeru gara kee fideera. Hennaa jinniin itti ka'u bakkuma maratti kuffisa, hin hoomachaaya, ilkaanillee hin qara, hin kottata, akka isa keessaa baasaniif darasoota teetitti himee ture isaan ammo baasuu hin dandeenne» jedheen. Yesuus deebisee, «Isin dhaloota hin amanne! haga yoomii isin woliin jiraadha? haga yoomii isinii obsa? mucaa gara kiyya as fidaa'a!» jedhe. Isaanillee mucaa gara isaa fidan. Ayyaanni battiin sun hennaa Yesuusiin arge, yoosuu gajafsiisee, kuffisee, gangalachiisee, hoomacha afaanii jisse. Yesuus, «Haga yoomiitii as akkana godhuu jalqabe?» jedhee abbaa muca'aa gaafate. Abbaan muca'aallee, «Ijoollummaa irraa jalqabeeti» jedhee deebiseef. Hennaa hedduu isa ajjeesu'uuf ibiddaa fi bisaan keessatti isa darba. «Ati ammo yoo sii danda'ame garaa nuu laafii nu gargaari» jedheen. Yesuus, «Maaf ‹Yoo dandeette› jetta? nama amanuuf wonti martinuu hin danda'ama» jedheen. Hennama san abbaan muca'aa, «Amantii hin qaba. Haa ta'uu ammo amantii kana caalu akka argadhu na gargaari» jedheen. Yesuus gumiin gara isaa akka hurrisa'aaru argee ayyaana battii saniin, «Ati ayyaana afaanii fi gurra duuda'aa! Ani si ajajaa isa keessaa bayi; deebitee itti hin galin» jedhe. Ayyaanni battiin mucaa iyyisiisee gajafsiisee keessaa baye. Mucaan akka reeffaa taanaan namoonni hedduu, «Du'eera» jedhan. Yesuus ammo mucaa harka qabee lafaa ol kaase; mucaanillee ol ka'ee dhaabate. Yesuus haga mana seeneen maayii darasoonni isaa, «Nu maaf ayyaana battii san baasuu dadhabne?» jedhanii hojjatti isa gaafatan. Inni ammo deebisee, «Ka akkanaa kun Rabbiin kadhachu'uu fi soomaan malee waan biraatiin bayuu hin danda'u!» isaaniin jedhe. Yesuusii fi darasoonni isaa achii bayanii Galiilaa keessa lufan. Yesuus, «Ilmi namaa harka worra isa ajjeesuutitti dabarfamee kennama; isaanillee isa hin ajjeessan; guyyaa sadihiin maayessa hin ka'a» jedha'aa darasoota ufii barsiisa'aa waan tureef, eennullee hulee inni jiru akka beeku hin feene. Isaan ammo waan inni dubbatee hin hubanne; isa gaafachu'uufillee hin sodaatan. Achiin maayessa Yesuusii fi darasoonni isaa gara Qifirnaahoomii dhaqan. Haga mana gayaniin maayessa Yesuus, «Karaa irratti wonti isin irratti wol mormitan maali'i?» jedhee isaan gaafate. Isaan ammo, «Nu keessaa eentu caala?» jedha'aa wol morma'aa waan turaniif hin cadhisan. Yesuus haga taa'een maayessa darasoota kudha lamaanuu gara ufii waamee, «Namni bulchaa ta'uu barbaadu nama maraayyuu gad ta'ee hojjataa nama maraa haa ta'uu» isaaniin jedhe. Achiin maayessa Yesuus daa'ima tokko fuudhee isaan afoo dhaabsiise. Inni isa ammatee, «Daa'ima akkanaa tokko ka maqaa kiyyaan simatu maruu na simata; ka Ana simate ka na erge simata malee ana calla'aa miti» isaaniin jedhe. Yohaannis Yesuusiin, «Barsiisaa'a! namichi tokko uduu maqaa keetiin jinnii baasu arginee inni waan gara keenna hin taaneef isa dhooggine» jedheen. Yesuus ammo akkana jedhe, «Namni maqaa kiyyaan baasa hojjatee deebi'ee ammo, ka dafee waan hamaa kiyya dubbatu waan hin jirreef hin dhoogginaa'a. Namni nuun hin mormine maruu gara keenna. Ani dhugamaan isiniin jedha ka Kiristoosii waan taataniif ka maqaa kiyyaan bisaan xuwwee tokkottii isin obaasu gatii qaba» jedhe. Yesuus ammallee, «Worra didiqqaa na faanaa deeman kanniin keessaa tokkocha ka gufachiisee mannaa dhagaan daaku'uu guddaan mormatti hidhamee gara xiillaa galaanaatitti gatamuu isaa woyya. Lutti tee yoo akka cubbuu hojjatu si ataabe uf irraa kuti. Luka lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaamnee galu'uu mannaa fafooftee gara jireennaa galuu sii woyya. Qilee san keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u; ibiddillee hin dhaamu. Ijji tee akka cubbuu hojjattu yoo si ataabde uf keessaa baasi. Ija lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaamnee galu'uu mannaa ija takkattii qabaattee gara jireennaa galuu sii woyya. Qilee san keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u; ibiddillee hin dhaamu. Namni maruu ibiddaan qulqulleeffama; ciincaan maruu sooqiddaan qulqulleeffama. Sooqiddi waan misha'a. Sooqiddi ammo yoo kuraawummaa uf keessaa dhabe maali'iin kuraaya? Lubbuu teessan keessaa sooqiddi haa jiraatu; nagaya wolii qabaadhaa'a!» jedhe. Yesuus bakka sanii ka'ee gara biyya Yihuuda'aatii fi laga Yoordaanos gama dhaqe. Ammallee gumiin guddaan gara isaa dachaanaan inni akkuma amala ufii isaan barsiise. Fariisonni gariin dhufanii dubbii afaan isaatii bayuun isa qabu'uuf jedhanii namni haadha manaa ufii hiikuun seeraa? jedhanii gaafatan. Yesuus ammo deebisee, «Seerri Muuse'ee maal jedha?» isaaniin jedhe. Isaanillee deebisanii, «Muuseen ‹Namni tokko Woraqaa hiikka'aa kenneefii yoo hiike hin ta'a› jedheera» jedhan. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Sababaa gar jabeenna keessaniitiif seera kana isiniif barreesse. Jalqaba Rabbi hennaa uumamni uumamu, ‹Rabbi dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume;› ‹Kanaaf namni abba'aa fi haadha ufii hin dhiisa, haadha manaa ufii woliin wol ta'a. Lamaanuu tokko ta'an.› Maarre achiin maayii isaan foon tokko malee lamaa miti. Ka Rabbi tokko godhe namni addaan hin baasin!» isaaniin» jedhe. Hennaa deebi'anii manatti galan darasoonni waan dubbii kanaa isa gaafatan. Innillee deebisee, «Eennullee haadha manaa ufii dhiisee ka dubartii biraa fuudhu seebaru'uun yakkeera. Akkasuma dubartiin abbaa manaa ufii jalaa baatee ta nama biraatitti heerumtu hin seebarti» isaaniin jedhe. Namoonni gariin akka Yesuus harka ufiitiin qaqqabee eebbisuuf ijoollee didiqqoo gara isaa fidan. Darasoonni ammo isaan teedeffatan. Yesuus ammo hennaa waan kana arge aaree, «Jeennanni Rabbii ta worra akka ijoollee tanaa ta'aniif waan taateef ijoolleen gara kiyya haa dhuftuu hin dhooggina'aa gad dhiisaa'a! Ani dhugamaan isiniin jedha; eennullee ka jeennata Rabbii akka ijoolle'eetitti hin fudhanne horomaa itti hin galu» isaaniin jedhe. Achiin maayii ijoollee ammatee harka ufiitiin qaqqabee isaan eebbise. Yesuus achii ka'ee akkuma kara'atti bayeen namichi tokko gara isaa fiigee afoo isaatitti jilbiiffatee, «Barsiisaa mishaa'a! gara jireenna bara baraa galu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» jedhee gaafate. Yesuus deebisee, «Maaf barsiisaa mishaa naan jetta? Rabbii tokkicha malee mishaan eennullee hin jiru. Ati seera ‹Hin ajjeesin, hin seebarin, hin hatin, dharaan nama irratti ragaa hin bayin, hin sobin, Abba'aa fi haadha tee kabajji› jedhu hin beetta» jedheen. Namichillee deebisee, «Barsiisaa'a! Ani seera kana maraa ijoollummaa kiyya irraa jalqabee eegeera» jedheen. Yesuus isa xiinxallee laalee jaalateenii, «Waan tokkotu si irraa dhidhata; dhaqii waan qabdu maraa gurgurii hiyyeeyyi'ii kenni; samii gubba'atti badhaadhummaa argattaa; achiin maayessa koottuu na faana deemi!» jedheen. Namichi hennaa dubbii kana dhagaye qabeenna guddaa waan qabuuf fuula ufii gurraachessee gaddee achii deeme. Yesuus uf irra gara galee darasoota ufiitiin, «Worra dureeyyi'iif jeennata Rabbii galuun attam rakkisa'a!» isaaniin jedhe. Darasoonni dubbii inni dubbate haga dhagayan hin maalalfatan. Yesuus ammo ammallee, «Ijoollee tiyya! jeennata Rabbii galuun attam rakko'o! Namni dureessi tokko jeennata Rabbii galuu irra, gaalli qaalawa limmo'oo keessa hulluuqu'utu salpha'a» isaaniin jedhe. Kana irratti isaan akka malee maalalanii, «Eeganaa eentu fayyuu danda'a ree?» woliin jedhan. Yesuus gara isaanii laalee, «Kun Rabbiif malee namaaf hin danda'amu; Rabbiif wonti maruu hin danda'ama» jedhe. Pheexroosillee deebi'ee, «Nu maraa dhiifnee si faana deemneerra» jedheen. Yesuus ammo deebisee, «Dhugamaan isiniin jedha; eennullee waan kiyyaa fi waan Dubbii Nagayaatiif mana, obboleeyyan, intallan haadhaa, haadha, abbaa, haadha manaa, ijoolle'ee fi qonna ufii dhiise, lafuma tanatti manniin, obboleeyyan, intallan haadhaa, haawwota, ijoolle'ee fi qonna dachaa dhibba hin argata, adunyaa dhuftu keessattillee gara jireenna bara baraa hin gala. Haa ta'uu ammo ka duraa duuba, ka duubaa afoo ta'a.» Isaan hennaa gara Yerusaalemii dhaqu'uuf kara'atti bayan Yesuus afoo isaanii uduu deema'aaru maalalanii worri isa faanaa deeman sodaatan. Inni ammo worra kudhanii lamaan ammallee hojjatti isaan baasee, waan isa irra gayu'uuf ta'u isaanitti himuu jalqabe. Inni isaaniin, «Gara Yerusaalemii hin baana; Ilmi Namaa harka bulchoota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti dabarfamee kennama. Isaan ammo yakka du'aa itti murteessan; worra Yihuudota hin ta'initti dabarsanii isa kennan. Isaan isatti baldan, itti tufan, hin tumaniin, hin ajjeesan; haa ta'uu ammo guyyaa sadeesso'ootitti hin ka'a» isaaniin jedhe. Ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis gara Yesuusii dhufanii, «Barsiisaa'a! waan nu si kadhannu akka nuuf gootu barbaanna» jedhaniin. Yesuus ammo, «Maal akka isinii godhu barbaaddan?» isaaniin jedhe. Isaanillee deebisanii, «Hennaa teessoo kee ka ulfinnaa irra teette tokko mirga keetiin, tokko bitaa keetiin akka teennu barbaanna» jedhaniin. Yesuus ammo, «Isin woma kadhattanuu hin beettan! mijuu ani dhugu dhuguu, cuuphaa ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettanii?» isaaniin jedhe. Isaan, «Hin dandeenna» jedhaniin. Yesuus, «Isin dhugamaan mijuu ani dhugu hin dhuddan, cuuphaa ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettan. Mirga kiyyaa fi bitaa kiyya ka teessisu anaa miti; huleen kun ka worra qophaayeef kennamu» isaaniin jedhe. Darasoonni kurnan hafan hennaa kana dhagayan, Yaaqoobii fi Yohaannisiin loluu jalqaban. Yesuus ammo gara ufii isaan waamee akkana isaaniin jedhe, «Bulchoonni worra Yihuudota hin ta'in bulchan hunnaan akka bulchan, bulchoonni isaaniillee baallii guutu'uun akka bulchan isinuu hin beettan. Isin biratti akkanaa miti; haa ta'uu ammo eennullee isin keessaa ka nama guddaa ta'uu barbaadu hojjataa nama maraa haa ta'uu. Eennullee isin keessaa ka bulchaa ta'uu barbaadu ka nama maraafuu hojjatu haa ta'uu. Ilmi namaa lubbuu ufii kennee namoota maraa furu'uuf dhufe malee akka isa tajaajilaniif hin dhufne» jedhe. Yesuusii fi darasoonni isaa Yaarikoo dhaqan; isaan hennaa gumii guddaa woliin Yaarikoo keessaa bayan Namichi ijji isaa hin argine ka kadhatu tokko ka Barximewoos jedhamu ilmi Xemiwoosii karaa irra taa'ee kadhata'aa ture. Inni Yesuus nama biyya Naazireetii akka ta'e hennaa dhagaye, «Yesuus! Ilma Daawitii na maari!» jedha'aa iyyuu jalqabe. Namoonni hedduu akka inni cadhisu teedeffataniin. Inni ammo, «Ilma Daawitii na maari!» jedha'aa ta duraa caalaa laagaa gudda'aan iyye. Yesuus dhaabatee, «Isa as waamaa'a!» jedhe. Inni akkasi jennaan isaan namicha waamanii, «Inni si waama'aaraa jabaadhu! ka'i!» jedhaniin. Inni uffata uf irraa gatee utaalee ka'ee gara Yesuusii dhufe. Yesuus, «Maal akka sii godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Namichi ijji isaa hin argine sun, «Barsiisaa'a! Ija tiyya akka naa bantu barbaada» jedheen. Yesuusillee isaan, «Amantiin kee si fayyiseera deemi!» jedhe. Yoosuu ijaan argee isa faanaa deeme. Yesuusii fi darasoonni gara Yerusaalemii gaara Ejersaa biraan gara Beetafaage'ee fi Bitaaniya'aatti hennaa dhiyaatan, Yesuus darasoota ufii keessaa lamaan akkana jedhee isaan erge, «Gara ganda fuullee keessan jiru san dhaqaa'a; akkuma achi geettaniin ilmoo harre'ee ka haga ammaa namni tokkollee hin yaabbanne argitan; hiika'aatii as naa fidaa'a. Eennullee, yoo ‹Maaf hiittan?› isiniin jedhe, ‹Goofta'atu barbaada; inni uduu hin turin dafee deebisa› jedhaa'a!» isaaniin jedhe. Achiin maayessa dhaqanii ilmoo harre'ee balbala tokko afoo karaa irratti ka hidhamteertu arganii hiikan. Worra achi dhaabatan keessaa gari gariin, «Maal godhu'uuf ilmoo harre'ee hiittan?» jedhanii isaan gaafatan. Darasoonni waan Yesuus isaaniin jedhe isaanitti himan; isaanillee isaan dhiisan. Ilmoo harre'ee sanillee gara Yesuusii fidan. Uffata ufii ilmoo harre'ee irra kaayan; Yesuusillee hin yaabbate. Namoonni hedduu uffata ufii; worri kuuwwan ammo muka irraa baala ciranii karaa inni irra deemu irratti afan. Worri duraa fi duuba isaa deeman laagaa isaanii ol qabatanii, «Hoosaanaa! ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame! Mootummaan abbaa keenna Daawitii ta dhuftu sun ta eebbifamte! Hoosaanaa ol samii gubba'atti» jedha'aa woca'aa turan. Yesuus Yerusaalemitti mana woyyuu seenee haga waan maraa laaleen maayessa, lafti waan dhiiteertuuf darasoota ufii kudha lamaan woliin gara Bitaaniya'aa dhaqe. Guyyaa lammeesso'oo hennaa isaan Bitaaniya'aa deebi'an Yesuus waan shoomeef, muka hurbu'uu ta baala qabdu takka fago'otti argee waan nyaatan irraa argadhinnaa laata? jedhee dhaqe. Haa ta'uu ammo hennaan sun hennaa hurbuun midhaan godhatu waan hin taaneef baala malee womaa irraa hin arganne. Hennama san Yesuus mukattii hurbu'uu saniin, «Ammaa achi eennullee midhaan si irraa hin nyaatin!» jedhe. Darasoonni isaallee waan inni jedhe kana dhagayan. Isaan hennaa Yerusaalemiin gayan Yesuus mana woyyuu seenee worra achitti waa bitanii fi gurguran gad baase. Inni minjaala worra birrii sharafuutii fi teessoo worra handarii gurguratuu gara gaggalche. Eennullee mi'a baadhatee mana woyyuu keessa akka hin lufne dhoogge. Achiin maayessa inni akkana jedhee barsiise, «Manni kiyya banii maraafuu ‹mana keessatti Rabbiin kadhatan ta'a› jedhamee barreeffameera. Isin ammo goda hattuun itti dhokattu gootan» isaaniin jedhe. Bulchoota gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee waan Yesuus jedhe kana hennaa dhagayan gumiin barumsa isaa waan maalalfataniif attamitti akka isa balleessan mala barbaada'aa turan. Hennaa lafti galgaloofte Yesuusii fi darasoonni isaa qachaa san keessaa baya'aa turan. Guyyaa lammeesso'oo ganama isaan uduu karaa san irra lufan mukattiin hurbu'uu sun hiddumaan ta goddeertu argan. Pheexroos waan Yesuus jedhe qaabatee, «Barsiisaa! laali! mukattiin ati abaarte goddeerti» jedheen. Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Rabbitti amanaa'a. Dhugaa isiniin jedha; eennullee garaa ufii keessatti uduu hin mamin amanti'iin gaara kanaan, ‹Asii buqqa'ii gara galaanaa darbam› yoo jedhe hin ta'aaf. Kanaaf ani akkana isiniin jedha, waan kadhattanii fi waan gaafattan maraa akka argattanitti amanaa'a; wonti gaafattan maruu isiniif kennamaa. Hennaa Rabbiin kadhachu'uuf dhaabattan Abbaan keessan ka samii jiru yakka keessan akka isinii araaramu eennuun irrattillee komii yoo qabaattan araaramaa'a. Isin ammo yoo namaa araaramuu diddan Abbaan keessan ka samii gubbaa jiru yakka keessan isinii hin araaramu.» jedhe. Isaan deebi'anii gara Yerusaalemii dhaqan. Yesuus uduu mana woyyuu keessa deddeemu, bulchoonni gadootaa, barsiisonni Seera Muuse'eetii fi manguddoonni gara isaa dhufanii Isaan Yesuusiin, «Baallii maali'iitiin waan kana maraa goota? Yookaan waan kana maraa akka gootuuf eentu baallii sii kenne?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee, «Ani waan tokko isin gaafadha; yoo isin naaf deebiftan Anillee baallii maali'iitiin waan kana maraa akka godhu isinitti himaa. Yohaannis akka cuuphuuf eentu baallii kenneef? Rabbi mo'o nama? mee naa deebisaa'a!» isaaniin jedhe. Isaan wol mormanii, «Rabbiin irra yoo jenne, ‹Dubbii Yohaannisii maaf amanuu diddan ree?› nuun jedha; ‹Nama haa jennuu laata?› » jedhan. Namoonni maruu Yohaannisiin akka raagaatitti waan laalaniif gumii sodaatan. Kanaaf hin beennu jedhanii Yesuusiif deebisan. Yesuusillee deebisee, «Maarre anillee baallii maali'iitiin waan kana maraa akka godhu isinitti hin himu» isaaniin jedhe. Ammallee Yesuus akkana jedhee mammaakaan isaanitti himuu jalqabe, «Namichi tokko biqiltuu woyini'ii dhaabee, dhaga'aan dallawa itti dallayee, boolla woyinii itti cuunfan qotee, siree irra taa'anii eegan ijaaree, qonnaan bultootatti kireessee gara biyya fago'oo deeme. Hennaan munni woyini'ii gayu geennaan midhaan akka fiduuf hojjataa tokko gara qonnaan bultoota ufii erge. Isaanillee hojjataa san qabanii tumanii duwwaa deebisanii ari'an. Abbaan muka woyini'ii ammallee hojjataa biraa gara isaanii erge; isaan ammallee mataa isaa baqassanii salphisanii ari'an. Ammallee ka biraa itti erge; isa ammo hin ajjeesan; akkasuma ka biraallee heddu itti erginaan isaan keessaallee gari garii tumanii garii ammo hin ajjeesan. Abbaan muka woyini'ii ilma guddaa jaalatu tokko qaba. Dhuma irratti ‹Ilma kiyya hin kabajjan› jedhee isa gara isaanii erge. Qonnaan bultoonni sun ammo, ‹Ka abbaa maasaa muka woyini'ii dhaalu kanaa; koottaa isa hin ajjeefnaa; dhaalli nuuf ta'aa› woliin jedhan. Achiin maayessa qabanii ajjeesanii maasaa muka woyini'ii keessaa gad baasanii gatan. «Eegasuu abbaan maasaa woyini'ii maal isaan godhinna laata? dhufee qonnaan bultoota sanniin balleessa. Maasaa woyini'ii san worra biraatiif kenna. Bulchoonni Yihuudotaa mammaaka kana akka Yesuus isaaniif mammaake beekanii isa qabu'uuf barbaadan; haa ta'uu ammo gumii waan sodaataniif isa dhiisanii deeman. Achiin maayessa waan inni dubbatuun isa qabu'uuf jedhanii worra Fariisotaatii fi worra gara Heroodisii ta'an keessaa jara tokko Yesuusitti ergan. Worri ergaman dhufanii, «Barsiisaa'a! akka dhugaa dubbattu nu hin beenna; nama tokkollee hin sodaattu; karaa Rabbii dhuga'aan barsiifta; nama wol hin caalchiftu. Mootii mootota worra Rooma'aatiif gibira gabbaruun seera moo seeraa miti? hin gabbarra moo hin gabbarru?» jedhaniin. Inni ammo fakkeessitoota ta'uu isaanii waan beekeef, «Isin maaf na ataabdan? Mee laalaa'a! saantibii tokko as fidaa'a!» isaaniin jedhe. Isaan itti finnaan, «Fakiin kun ka eennuuti? Barreeffamni kun ka eennuuti?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Ka mootii mootota worra Rooma'aati» jedhaniin. Yesuusillee deebisee, «Ka mooti'ii mooti'iif, ka Rabbii Rabbiif kennaa'a!» jedhe; isaan isa baaseffatan. Achiin maayessa Saduuqoonni worri du'aa ka'uun hin jiru jedhan gara Yesuusii dhufanii, «Barsiisaa'a! Muuseen, ‹Namni tokko haadha manaa fuudhee uduu hin uumatin yoo isii irraa du'e, obboleessi isaa dubartii san dhaalee fiixaa obboleessa ufiitiif haa dabarsuu!› jedhee Seera keessatti nuu barreesseera. Obboleeyyan torbatu ture; hangafni haadha manaa fuudhee ijoollee uduu hin uumatin du'e. Obboleessi isatti aanullee dubartima san dhaalee uduu ijoollee hin uumatin du'e; obboleessi sadeessoonillee akkasuma isii dhaalee irraa du'e. Isaan torbanuu dubartima san fuudhanii haa ta'uu ammo ijoollee uduu hin uumatin irraa du'an. Isaan maraan maayessa ammo dubartiin sunillee hin duute. Isaan torbanuu haadha manumma'aan isii fuudhaniiranii, guyyaa worri du'an ka'an isaan keessaa kamiif haadha manaa taati?» jedhanii isa gaafatan. Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Kitaabbanii fi hunna Rabbii waan hin beenneef dogoggortaniimii? Hennaa du'aa ka'an isaan akka maleekkota samii gubba'aa ta'an malee hin fuudhan, hin heerumanille'e. Rabbi waan worra du'aa ka'anii kitaaba Muuse'ee keessatti hulee waan saato'oo dubbatutti, ‹Ani Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisaaqiitii fi Waaqa Yaaqoobiiti› jedhe. Inni Waaqa worra jiraniiti malee, ka worra du'aniitii miti. kanaaf guddaa dogoggortaniirtan» isaaniin jedhe. Barsiisota Seera Muuse'ee keessaa tokko hennaa isaan wol morman dhagayee Yesuus deebii mishaa akka deebiseef argee gara isaa dhufee, «Ajaja maraa keessaa guddichi kami?» jedhee Yesuusiin gaafate. Yesuusillee deebisee akkana jedheen, «Ajanyi guddichi, ‹Israa'eel dhagayi! Waandhi Gooftaan keenna Gooftaa tokkocha. Atillee Waaqa Gooftaa kee garaa kee guutu'uun, lubbuu kee guutu'uun, yaada kee guutu'uun, hunna kee guutu'uun jaaladhu› ta jettu. Ajanyi duraa tana. Ka lammeesso'oo ammo, ‹Nama akka uf jaalattutti jaaladhu› ka jedhu kana. Ajanyi guddichi biraa ka lamaan kanniin caalu hin jiru» jedhe. Barsiisaan Seera Muuse'ee Yesuusiin, «Barsiisaa'a! ‹Rabbii tokkocha malee Waandhi biraa hin jiru› jettee ka dubbatte dhuga'a. Rabbiin garaa guutu'uun, qalbii guutu'uun, hunna guutu'uun jaalachuun, nama akka mataa ufiititti jaalachuun, woreega ciinca'aatii fi woreega biraa Rabbiif dhiyeessuu caala» jedheen. Yesuus akka inni qarumma'aan deebise argee, «Ati jeennata Rabbii irraa fagoo hin jirtu» jedheen. Achiin maayessa namni tokkollee gaafii isa gaafachu'uuf hin uggine. Yesuus uduu mana woyyuu keessatti barsiisa'aaru, «Attamitti barsiisonni Seera Muuse'ee, ‹Kiristoos ilma Daawitiiti› jechuu danda'an? Daawiti mataan isaatuu Ayyaana Woyyu'uun masakkamee, ‹Gooftaan Gooftaa kiyyaan, diintota kee luka kee jala haga sii kaayutti, mirga kiyya taa'i jedheera› jedhe. Daawiti mataan isaatuu, ‹Gooftaa'a› jedhee yoo isa waame, attamiin ilma Daawitii ta'uu danda'a?» jedhee gaafate. Gumiin guddaan gammachu'uun isa dhagaya'aa turan. Isaan Rabbii kadhachuuu dheereffachu'uun, worra mana haadha hiyyeessaa xambu; worra akkasii san murtii gudda'atu isaan eeggata» jedhe. Yesuus kolba miini kennaa itti guuran jiruun taa'ee hennaa gumiin birrii mi'a kennaa itti guuran keessa buusan laale. Dureeyyiin hedduu birrii baay'ee keessa buusan. Achiin maayessa haati hiyyeessaa takka dhuftee, saantibii meetii diqqoo lamaan ta gatiin isii guddisee diqqo'oo mi'a kenna'aa keessa buufte. Yesuus darasoota ufii waamee, «Ani dhugamaan isinitti himaa! Haati hiyyeessaa takka worra biraa caalaa mi'a kennaa itti guuran keessa buufte. Worri kuuwwan qabeenna guddaa qaban irraa waan hafe mi'a kennaa itti guuran keessa buusan; Isiin hiyyeettiin waan qabdu ka ittiin jiraattu maraa achi keessa buufte» isaaniin jedhe. Akkuma Yesuus mana woyyuu keessaa bayeen darasoota isaa keessaa tokko isaan, «Barsiisaa'a! dhagoota gugurdaa kanniinii fi ijaarsa gugurdaa kana mee laali!» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Ati ijaarsa gugurdaa kana argitaa? kunniin martinuu hin diiggama; tokkochi isaaniillee wol irratti hin hafan» jedheen. Yesuus uduu kolba mana woyyu'uutiin gaara ejersaa gubbaa taa'u Pheexroos, Yaaqoob, Yohaannisii fi Indiriyaas qofti gara isaa dhufanii, «Wonti kun yoom ta'a nutti himi? wonti kun martinuu hennaa ta'u malkanni isaa maali'i?» jedhanii hojja ufiititti isa gaafatan. Yesuus ammo akkana isaaniin jechuu jalqabe, «Eennullee akka isin hin dogoggorsine uf eeggadhaa'a! Namoonni hedduu, ‹Ani Kiristoos› jedha'aa maqaa kiyyaan dhufan; namoota hedduullee hin dogoggorsan. Hennaa lolaa fi oduu lolaa dhageettan hin sodaatinaa'a. Wonti akkasii kun hin ta'a; Haa ta'uu ammo barri dhumaa ammallee hin geenne. Gofti gosatti, mootummaan mootumma'atti hin ka'a; bakka adda addaatitti sochiin lafaallee hin ta'a; beellillee hin dhufa. Haa ta'uu ammo kun ciniinsuu duraati. «Isin uf eeggadhaa'a; isaan yaa'ii gara garaatitti dabarsanii isin kennan; mana sagada Yihuudotaa keessattillee hin tumamtan; naaf jettanii bulchootaa fi mootota afoo hin dhaabattan; kunillee ragaa isaanitti ta'a. Haa ta'uu ammo, Dubbiin Nagayaa duraan dursee banii maraaf hin lallabama. «Hennaa qabanii gara murti'ii isin geessan waan dubbattaniif dura hin yaaddayinaa'a! Waanuma hennaa san isiniif kenname dubbadhaa'a; dubbii isin dubbattan ka dubbatu Ayyaana Woyyu'u malee isinii miti. Obboleessi obboleessa, Abbaanillee ilma ufii du'aaf dabarsee kenna. Ijoolleen worra ufiititti ka'anii ajjeesan. Anaaf jettanii nama maraa biratti hin jibbamtan; ka haga dhumaa jabaatu ammo hin fayya» isaaniin jedhe. Haa ta'uu ammo akkuma raaga Daani'eeliitiin dubbatame, «Farri battumma'aa hulee dhaabatuun isi'iif hin malle dhaabattee yoo argitan ka kana dubbise haa hubatuu. Hennaa san worri Yihuudaa jiran gara gaaraa haa dheessanii Ka mana gubbaa jiru mana irraa gad bu'ee manaa waan tokko fudhachu'uuf hin seenin. Ka qonna keessa jiru uffata ufii fudhatu'uuf gara duubaa hin deebi'iin. Guyyoota san dubartoota ulfa ta'anii fi worra harma hoosisaniif aanne'e. Haa ta'uu ammo dheessuun keessan ganna akka hin taane Waaqa kadhadhaa'a! Guyyoonni sun guyyoota rakkinni hamaan itti ta'u. Rakkinni akkasii hennaa Rabbi biyya lafaa uume irraa jalqabee haga ammaatitti hin taane; deebi'eellee hin ta'u. Uduu Gooftaan guyyoota san gabaabsuu dhabaatee namni tokkollee hin hafu. Haa ta'uu ammo Inni banii ufii filateef jedhee guyyaa san gabaabse. Hennaa san eennullee isiniin, ‹Ila laalaa'a! Kiristoos as jira!› yookaan, ‹Ila laalaa'a! achi jiraa!› yoo isiniin jedhe hin amaninaa'a. Sababaanillee Kiristoosonni sobaatii fi raattonni sobaa dhufanii, yoo isaanii danda'ame worra filatamanillee dogoggorsu'uuf malkataa fi baasa hujan. Isin ammo uf eeggadhaa'a! Ani waan maraa dursee isinitti himeera. «Guyyootuma san keessa rakkinna saniin maayessa aduun hin dukkanoofti; jiinillee hin ifu. Urjiinillee samii irraa hin harcaati; hunniti Sami'iillee hin raafaman. Achiin maayessa hennaa Ilmi Namaa hunna gudda'aa fi ulfinnaan duumessa keessaan dhufu hin argan. Innillee hennaa san maleekkota ufii hin erga; kallattii arfanii fi qaccee lafa irraatii haga qaccee sami'ii worra filataman wolitti qaba.» Yesuus amma ammo, «Muka hurbu'uu fakkeenna godhadha'aatii irraa baradhaa'a! Dameen isaa quqquuqee hennaa baala biqilchu, bonni akka dhiyaate hin beettan. Akkasuma isinillee kun martinuu hennaa ta'u yoo argitan akka inni dhiyaatee balbala irra jiru beekaa'a. Ani dhuga'aan isiniin jedha; haga wonti kun maruu ta'uuf, dhaloonni amma jiru kun hin jiraata. Ardii fi samiin hin lufti; Dubbiin kiyya ammo hin lufu. «Guyyaa san yookaan hennaa san eennullee hin beeku. Abbaa malee maleekkonni sami'iillee hin beekan; Ilmillee hin beeku. Hennaan yoom akka ta'e isin waan hin beenneef uf eeggadhaa'a! Dammaqaa'a! Kun akka nama mana ufii hojjattoota ufiititti dhiisee isaan maraafuu hujii kennee ka balbala eegu jabaatee akka eegu seeree deeme fakkaata. Maarre! abbaan manaa yoom akka dhufu, galgala dhufa'aa fi halkan wodhakkaa dhufaa, iyya lukku'uu dhufaa fi ganama dhufaa hin beettan. Hennaa isin hin qabaannetti yoo dhufe, ka rafa'aartan akka isin hin argine, Waanuma isiniin jedhu, nama maraanuu jedhaa; dammaqaa'a!» Ayyaanni Faasika'aatii fi ka xorosho'oo kabajjamu'uuf guyyaan lama yoo hafu bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee Yesuusiin attamiin akka qabanii ajjeesan dhokatanii mari'atan. Isaan, «Baniin akka hin boorofne guyyaa ayyaanaa irra akka hin taane» woliin jedhan. Yesuus hennaa Biitaaniya'atti mana Simoonii dhukkuba gogaa kukkutuun qabameeruutitti uduu hurbaata'aaf waamamee achi jiru, dubartiin takka Urgoo Naardoosii ka gatiin isaa gudda'aa qabattee dhuftee bilqaadii cabsitee mataa isaatitti buufte. Namoota achi turan keessaa gariin itti aaranii, «Wonti urgoo tana balleessaniif maali'i? Urgooftuun tun dinaara dhibbaa olitti gurguramee qarshiin sun uduu hiyyeeyyi'iif kennamee silaa woyyaa tureu» jedhanii hincinnaayanii isi'iin lolan. Yesuus ammo akkana isaaniin jedhe, «Isii dhiisaa'a! Isin maaf isii rakkiftan? Isiin waan mishaa naa gooteerti. Hiyyeeyyiin hennaa maraa isin woliin jiran; hennama kamuu waan mishaa godhu'uufii hin dandeettan. Ani ammo hennaa maraa isin woliin hin jiraadhu. Isiin waan dandeette goote; foon kiyya awwaalamu'uun dura urgooftuu dibdee awwaalaaf akka ta'u gooteerti. Ani dhugamaan isiniin jedha, biyya lafaa irratti hulee Dubbiin Nagayaa kun itti lallabamu maratti, wonti isiin goote akka isiin qaabatamtuuf himama.» Achiin maayessa Yihuudaan namni biyya Keriyootii darasoota kudha lamaan keessaa tokko Yesuusiin dabarsee kennu'uuf gara bulchoota gadootaa dhaqe. Isaan hennaa waan kana dhagayan gammadanii birrii kennu'uufiif waadaa seenan; kanaaf Yihuudaan Yesuusiin dabarsee kennu'uuf hennaa isaa aanju barbaadate. Guyyaa jalqaba ayyaana xorosho'ootiif hennaa Hoolaan qalamu darasoonni Yesuusii gara isaa dhufanii «Hurbaata ayyaana Faasika'aa eessatti akka siif qopheessinu feeta?» jedhanii Yesuusiin gaafatan. Yesuus darasoota ufii lamaaniin, «Gara Qacha'aa deemaa'a! Nama tokko ka ottee bisaanii baatee deemu argitanii, isa faana deemaa'a. Abbaa mana namichi sun itti galuun, ‹Manni keessumma'aa ka ani darasoota tiyya woliin Faasikaa itti nyaadhu eessa? siin jedha barsiisaan› jedha'aanii. Achiin maayessa abbaan manaa sun mana mana gubbaa jiru kutaa gubba'aa badhaa afamee qophaaye tokko isinitti mudhisaa, isinillee achitti nuu qopheessaa'a!» jedhee erge. Darasoonni bayanii gara qacha'aa deeman; akkuma inni isaaniin jedhe arganii hurbaata ayyaana Faasika'aallee achitti qopheessan. Hennaa lafti galgaloofte Yesuus darasoota ufii kudha lamaan woliin dhufe. Uduu isaan nyaataaf taa'aniiran Yesuus, «Ani dhugamaan isiniin jedha; isin keessaa tokko ka na woliin nyaata'aaru dabarsee na kenna» jedhe. Isaan waan kanaaf gaddanii gari gariin, «Na ta'innaa?» isaan jechuu jalqaban. Innillee deebisee, «Inni isin nama kudha lamman keessaa tokko; ka na woliin qorii tana keessaa nyaata'aaru. Ilmi namaa akkuma wonti isaa barreeffametti du'uuf deema; Haa ta'uu ammo ka ilma namaa dabarsee kennu saniif aanne'e! Namni sun uduu dhalachuu dhabaatee isaa woyya!» isaaniin jedhe. Uduu nyaata'aaran Yesuus xoroshoo fuudhee eebbisee, caccabsee, darasoota ufiitiif kennee, «Hoo'aa kun foon kiyyaa» jedhe. Xuwwee ol fuudhee galatoonfatee, isaanii kenne; isaan maruu mijuu san irraa dhugan. Innillee ammo, «Kun dhiiga kiyya, ka waada'aa ka namoota hedduuf dhangala'u. Ani dhugamaan isiniin jedha, haga ani guyyaa san jeennata Rabbii keessatti bifa haarawaan isa irraa dhugutti daraaraa woyini'ii kana irraa deebi'ee hin dhugu» isaaniin jedhe. Achiin maayessa isaan faaruu haga faarfataniin maayii gara gaara ejersaa ol bayan. Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Barreeffamni Woyyuun, ‹Ani tissee hin dhaya; hoolonnillee hin faffacaati› waan jedhuuf isin martinuu na dhiiftanii baqattan. Haa ta'uu ammo hennaa du'aa ka'een maayessa isin firrisee gara Galiila'aa dhaqa» isaaniin jedhe. Pheexroos Yesuusiin, «Isaan martinuu si dhiisanii yoo baqatanillee ani horoma si dhiisee hin baqadhu!» jedheen. Yesuus Pheexroosiin, «Ani dhugamaan siin jedha; halkanuma kana uduu lukkuun hennaa lamaa hin iyyine ati hennaa sadihii na ganta» jedheen. Pheexroos ammo afaan guuttatee, «Ani yoma ka si woliin du'uullee, horoma si hin ganu» jedhe; kuuwwanillee akkasuma jedhan. Isaanillee gara hulee Getesamaanii jedhamtu dhufanii, darasoota ufiitiin, «Haga faateffadhuuf as turaa'a» isaaniin jedhe. Inni Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannisiin uf biratti fuudhee lixee, achitti shoru'uu fi gadduu jalqabe. «Lubbuun tiyya haga du'aa guddiftee gaddite; as turaa'a jabaadhaa'a» isaaniin jedhe. Yesuus diqqoo isaan irraa siiqee lafatti gad kufee, yoo danda'ame hennaan rakkinnaa sun akka isa irra luftuuf kadhate. «Abbaa kiyya wonti maruu sii hin danda'ama; mijuu rakkinnaa kana na irra dabarsi! haa ta'uu ammo akka ati feetu haa ta'uu malee akki ani fedhu hin ta'in» jedhee faateffate. Achiin maayessa deebi'ee dhufee, darasoota sadiin sanniin ka rafa'aaran argee, Pheexroosiin akkana jedhe, «Simoon hin rafteertaa? sa'aatima tokkottiillee dammaxxee taa'uu hin dandeennee? Akka hin ataabamne dammaqa'aa Rabbiin kadhadhaa'a! Ayyaanni namaa qophaaya'a; foon ammo dadhaba'a» jedheen. Inni ammallee achi dhaqee, akkuma duratti jedhe jedhee kadhate. Yesuus gara darasootaa hennaa deebi'ee dhufe ijji isaanii waan dunquqoofteertuuf ka rafaniiran arge; isaan waan deebisanillee hin beenne. Inni sadeessoo, hennaa deebi'ee gara isaanii dhufe, «Eegasuu rafaa'a; hara baafadhaa'a hin gaya; amma Ilmi namaa harka cubbamtootaatitti dabarfamee kennama. Ka'aa, haa deemnuu! Kunoo ka dabarsee na kennu dhufeera» isaaniin jedhe. Uduu Yesuus dubbata'aaru darasoota isaa kudha lamman keessaa ka Yihuudaa jedhamu tokko dhufee isa biraan baye. Namoonni hedduu guraade'ee fi bokkuu qabatanii, bulchoonni gadootaa, barsiisoota Seera Muuse'eetii fi worri manguddootaan ergaman isa woliin dhufan. Inni Yesuusiin dabarsee kennu sunillee, «Namichi ani dhaqee dhungadhu sun isaa uf eega'aa qaba'aa fuudhaa'a» jedhee dursee malkata kenneef. Yihuudaan akkuma achi gayeen gara Yesuusii dhaqee, «Barsiisaa'a!» jedhee isa dhungate. Namoonni sunniin qabanii isa hidhan. Ka isaan bira dhaabate keessaa tokko ammo guraadee luqqifatee hojjataa gadicha gudda'aa dhayee gurra irraa mure. Yesuus akkana jedheen, «Akka waan ani saamtuu ta'ee guraade'ee fi bokkuu qabattanii na qabu'uuf dhuftanii? Hennaa mana woyyuu keessatti isin woliin guyyaa guyya'aan barsiisa'aa ture na hin qabne, haa ta'uu ammo akka kitaabbileen woyyuun raawwatamaniif kun ta'e» isaaniin jedhe. Achiin maayessa darasoonni maruu isa dhiisanii dheessan. Dargaggeessi tokko ka qoola haphii uffatee Yesuusiin faanaa deema'aa ture. Isaan isa qabnaan inni qoola ufii gatee qullaa dheesse. Achiin maayessa Yesuusiin gara mana gadicha gudda'aa, hulee bulchoota gadootaa, manguddootaatii fi barsiisoonni Seera Muuse'ee wol gayanitti isa geessan. Pheexroos Yesuusiin irraa fagaatee, haga dallawa hayyicha gudda'aa seenutti hordofee, Yesuusiin faanaa deeme. Achitti inni eeddota woliin taa'ee, ibidda oo'ifata'aa ture. Bulchoonni gadootaatii fi yaa'iin murti'ii martinuu akka ajjeefamuuf Yesuusiin irratti ragaa soqa'aa turan. Haa ta'uu ammo nama isa himatu tokkollee hin argine. Namoonni hedduu ka dharaan Yesuusiin himate ammo afaan isaanii tokko hin taane. Haa ta'uu ammo waan kana irratti isaanuu wolii hin galle. Gadichi guddaan ol ka'ee yaa'ii afoo dhaabatee Yesuusiin «Waan isaan si himatan kana ati hin deebiftuu?» jedhee gaafate. Inni hin cadhise malee womaa hin dubbanne. Ammallee gadichi guddaan «Kiristoos Ilmi Rabbii ulfaataan si'ii?» jedhee isa gaafate. Yesuusillee «Ee ana. Ilmi Namaa hennaa mirga Rabbii waan maraa godhuu danda'uu taa'ee samii irraa deebi'ee duumessaan dhufu hin argitan» jedhe. Bulchaan gadootaallee uffata ufii biinxee, ammaa achi «Ragaa biraa maal nu barbaachisa? Rabbiin arrabsuu isaa isinuu dhageettaniirtanii murtiin teessan maali'i ree?» jedhe. Isaan maruu afaan tokko ta'anii, «haa ajjeefamuu» jedhanii itti muran. Namoonni gariin Yesuusitti tufanii ija isaallee hidhanii, «Eentu si dhaye? Mee raaga himi» jedha'aa tontoommo'oon isa dhayan. Hojjattoonni dhabanaasa'aa fuudhanii deemaniin. Pheexroos ammallee uduu dallawa san keessa jiru, hojjattuun gadicha gudda'aa takka dhuftee isa biraan baate. Isiin Pheexroosiin uduu ibidda oo'ifatu argitee xiinxallitee hubattee laaltee, «Atillee Yesuusii Naazireetii woliin jirta» jetteen. Inni ammo ka ati jettu hin beeku hin qaabadhulle'e jedhee ganne. Achiin maayessa akkuma inni karra gad bayeen lukkuun iyye. Ammallee dubartiin hojjattuun sun isa argitee worra achi dhaabateeruun, «Namichi kun nama isaaniiti» jette. Pheexroos ammo ammallee hin gane. Hennaa diqqo'oon maayessa worri achi dhaabateeru Pheexroosiin, «Ati nama Galiila'aa waan taateef dhugamaan ati nama isaaniiti» jedhaniin. Inni ammo, «Namicha isin jettan kana ani hin beeku» jedhee uf abaara'aa kakatuu jalqabe. Yoma san lukkuun lammeessoo iyye. Achiin maayessa Pheexroos dubbii Yesuus, «Uduu lukkuun hennaa lama hin iyyin ati hennaa sadihii na ganta» isaan jedhe san qaabatee hirqiffatee booye. Akkuma lafti bariiteen obboroo bulchoonni gadootaa, manguddoonni, barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Yaa'iin murti'ii maruu woliin mari'atan. Achiin maayessa Yesuusiin hidhanii fuudhanii dabarsanii Philaaxoositti kennan. Philaaxoosillee, «Ati Mootii Yihuudi'iitii?» jedhee gaafate. Yesuus, «Maarre atuu jette» jedhee deebise. Mootonni gadootaallee waan hedduun isa himatan. Inni ammo womaa isaanii hin deebifne. Philaaxoos ammo ammallee «Womaa hin deebiftuu? Kunoo waan meeqaan si himata'aaran?» jedhee gaafate. Yesuus ammo deebii biraa tokkollee hin deebifneef; Philaaxoos waan kana hin baaseeffate. Hennaa ayyaana Faasika'aa Philaaxoos worra hidhaman keessaa nama tokko ka baniin gaafate isaanii hiiku'uuf aadaa qaban. Hennaa san worra shiftanii lola kaasa'aa nama ajjeesanii hidhaman keessaa namicha Baarbaan jedhamu tokkotu ture. Baniinillee bayanii akkuma baratame akka aadaa isaanii akka isaanii godhuuf Philaaxoosiin kadhatan. Philaaxoosillee, «Mootii Yihuudii akka isinii hiiku barbaaddanii?» isaaniin jedhe. Inni akka bulchaa gadootaa hinaaffa'aan dabarsanii Yesuusiin isatti kennan beekeera. Bulchoonni gadootaa, Philaaxoos bikka isaa Baarbaaniin akka isaanii baasuuf banii kakkaasan. Philaaxoos deebisee, «Eegasuu ka mootii Yihuudii jettan maal akka godhu barbaaddan ree?» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Isa fannisi!» jedha'aa iyyan. Philaaxoosillee, «Wonti hamaan inni godhe maali'i?» isaaniin jedhe. Isaan ammo «Fannisi» jedhanii guddisanii iyyan. Philaaxoos yaa'ii gammachiisu'uuf jedhee Baarbaaniin isaaniif hiike. Achiin maayessa Philaaxoos Yesuusiin shabbeenaan dhaansisee akka fannifamuuf dabarsee kenne. Loltoonni Yesuusiin gara dallawa galma mooti'ii keessa geessanii loltoota sanniin keessaa worra hafanillee waamanii wolitti qaban. Isaan uffata diimaa dhiilgee itti uwwisanii qoree dhaddoo dhayanii mataa isaa irra kaayan. Achiin maayessa isaan, «Mootii Yihuudi'ii nageenni siif haa ta'u» jedha'aa harka itti kaasuu jalqaban. Isaan mataa isaallee ule'een dhaya'aa, itti tufa'aa, itti balda'aa afoo isaatitti jilbiiffatanii isaa sagadan. Haga isatti baldaniin maayii uffata diimaa san irraa mulqanii, uffata isaa deebisanii itti uwwisanii fannisu'uuf achi geessan. Isaan namicha biyya Qareena'aa tokko ka Simoon jedhamu abbaa Iskindiroosiitii fi Ruufoosii uduu maasa'aa gara qacha'aa dhufu, qabaniinii fannoo Yesuusii akka baatu hunnaan taasisan. Isaan lafa golgootaa jedhamtutti Yesuusiin geessan; «Golgootaa» jechuun lafa «Buqqee mata'aa» jechu'u. Jarri inni daadhii woyini'ii ka qumbi'iin wolitti makame akka dhuguuf kennaniif; Inni ammo dhuguu dide. Achiin maayessa isa fannisan; uffata isaallee eennuun fa'a akka gayu beeku'uuf hixaa buusanii qoodaman. Hennaa isa fannisan ganama keessa sa'aatii sadihi. Barreeffamni yakkaa ka inni ittiin himatame, «Mootii Yihuudotaa» jedha. Isa woliinillee shiftoota lamaa tokko mirgaan tokko bita'aan fannisan. Akka kanaan barreeffamni Woyyuun inni seera cabsitoota woliin laakkayame jedhu sun raawwatame. Worri karaa saniin lufan mataa ufii raasa'aa akka malee isa arrabsa'aa, «Hay! Ati namni mana woyyuu diiddee guyyaa sadihitti deebiftee ijaartu, Mee fannoo irraa bu'ii uf hambisi!» Akkasuma bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee Yesuusitti balda'aa, «Inni worra biraa fayyiseera, uf hambisuu hin danda'u! woliin jedhan. Inni Kiristoosii mootii Israa'elii yoo ta'e, Fannoo irraa uf haa buusuu; achiin maayii nullee arginee isatti amannaa!» jedha'aa jarri lamaan Yesuusiin woliin fannifamanillee isa arrabsan. Sa'aatii jaha irraa jalqabee haga sa'aatii sagalii ardiin martinuu hin dukkanoofte. Sa'aatii sagal irratti Yesuus, «Eloohee! Eloohee! laamaa Sabaktanii?» jedhee laagaa gudda'aan iyye; akkas jechuun, «Rabbii kiyya! Rabbii kiyya! maaf na dhiifte?» jechu'u. Worra achi dhaabatan keessaa gariin kana dhagayanii, « Eliyaasiin waamata'aara» jedhan. Isaan keessaa tokko fiigee dhufee carqii qaccee ule'eetitti hidhee daadhii woyini'ii dhangaggooftuu spoonjii keessatti cuuphee, akka afaanitti cophu dhiyeesseef, «Eegi mee! Eeliyaas dhufee fannoo irraa akka isa buusu laallaa!» jedhe. Yesuus laagaa gudda'aan iyyee lubbuu ufii dabarsee kenne. Golgi mana woyyu'uu gubbaa irraa haga gadii bakka lamatti tarsa'e. Ajajaan loltuu dhibbaa ka fannoo Yesuusii afoo dhaabateeru akkanatti iyyee lubbuu ufii dabarsee akka inni kenne hennaa arge, «Namni kun dhugamaan Ilma Rabbii ture» jedhe. Dubartoonni gariin fagoo dhaabatanii laala'aa turan. Isaan keessaa Maariyaamii Magdalaa, Maariyaamii haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yoose'ee, Saloomeen faati achi jiran. Isaan hennaa inni Galiilaa jiru isa faanaa deemanii isa tajaajilan. Dubartoonni biraallee isa woliin gara Yerusaalemii dhufanii achi jiran. Ammallee hennaa dhiye jala bultii guyyaa Sambataatiif guyyaa qophi'ii waan tureef, Yooseef namni Armaatiya'aa beekkamaan yaa'ii Yihuudotaa tokko ija jabeennaan Philaaxoosiin bira dhaqee reeffa Yesuusii akka isaa kennu isa kadhate. Yooseefiin kun inninuu nama dhufa jeennata Rabbii abdi'iin eeggata'aa ture. Philaaxoos attamitti haganatti du'e jedhee maalalfatee inni ajajaa dhibbaa waamee, «Haga du'e turee?» jedhee gaafate. Philaaxoos akka Inni du'e ajajaa loltuu dhibbaa irraa hubatee, reeffa isaa Yooseefiif kenne. Yooseefillee qoola reeffa ittiin kafanu bitee reeffa Yesuusii fannoo irraa buusee, qoola saniin kafanee, awwaala dhaga'aan hojjatame keessa kaaye. Afaan boollaatitti dhagaa gangalchee cufe. Maariyaamiin qachaa Maagidala'aatii fi Maariyaamiin haati Yoosa'aa reeffa Yesuusii eessa akka kaayan laala'aa turan. Sambanni haga lufeen maayii Maariyaamiin Maqidalaa, Maariyaamiin haati Yaaqoobiitii fi Saloomeen nafa Yesuusiitiif Urgoo dibu'uuf bitan. Torbaan keessa guyyaa Dilbataa obboroo haga aduun baate gara awwaalaa dhufan. Isaan kara'atti, «Dhagaa afaan awwaalaa irraa eentu nuu gangalcha?» Woliin jedha'aa turan. Waan dhagaan guddisee guddaa tureef itti siiqanii hennaa laalan dhagaan balbala awwaalaatii ka gara galfameeru argan. Hennaa gara awwaalaa seenan ka'ima uffata adii uffatee, cinaa mirgaatiin taa'eeru arganii nayan. Inni ammo, «Hin nayinaa'a; Yesuusii Naazireetii ka fannifame soqa'aartanii? Inni ka'eera; arma hin jiru; kunoo huleen isa kaayan. Haa ta'uu ammo deema'aatii darasoota isaatii fi Pheexroositti, ‹Inni isin firrisee Galiilaa dhaqa; akkuma isinitti hime achitti isa hin argitan› jedha'aatii himaa'a!» isaaniin jedhe. Isaan naasu'uun bararraaqanii achi keessaa bayanii awwaala biraa baqatan; sodaatanii waan turaniif eennuttillee womaa hin dubbanne. Isaan waan inni isaan ajaje maraa Pheexroosii fi worra isa woliin jiranitti gabaabsanii himan. Kanaan maayessa Yesuus innumti Dubbii Nagayaa ka fayyinna bara baraatiif ta'e Woyyuun hin jijjiiramne, baya biiftu'uutii haga dhiyaa isaan harka kaayee erge. Yesuus jalqaba torbaanii ganama barii hennaa du'aa ka'e dura Maariyaamii qachaa Magidala'aa, ta inni ayyaanota hammeeyyii torba keessaa baaseetti mudhate. Isiin gara worra dur isa woliin jiranii, ka guddisanii gaddanii booya'aa jiranii dhaxxee waan kana isaanitti himte. Isaan ammo akka inni jiraataa ta'ee fi akka isiin isa argitellee hennaa dhagayan hin amanne. Achiin maayessa isaan keessaa nama lamaa ka gara baadiya'aa deeman argee karaa irratti bifa biraatiin isaanitti mudhate. Isaan deemanii ka biraatitti odeessan. Isaan sunillee isaan hin amanne. Achiin maayessa uduu isaan hurbaata nyaachu'uuf ta'aniiran kudha tokkottuu mudhate; ka'ee sababa isaan garaa jabaatanii amanuu dhabaniif isaan tuffate. Inni, «Gara biyya lafaa maraa dhaqaa'a! Uumama maratti Dubbii Nagayaa lallabaa'a! Ka amane; ka cuuphamellee hin fayya; ka hin amanne ammo itti murteeffama. Worri natti amane maalalee akka hojjatan hunni hin kennamaaf, isaan maqaa kiyyaan jinnii baasan, afaan haarawaanillee hin dubbatan. Bofa yoo harkaan qaban, yookaan yoo waan nama ajjeesullee dhugaan isaan hin miidhu; harka ufiillee worra dhibamtoota irra yoo kaayan isaan hin fayyan» isaaniin jedhe. Gooftaan Yesuus haga isaan woliin kana dubbateen maayii gara sami'ii ol deebi'ee mirga Rabbii taa'e. Isaan bayanii naannoo maraa dhaqa'aa, Dubbii Nagayaa lallaban. Gooftaanillee isaan woliin hojjata'aa ture. Maalalee hojjataniin lallaba isaanii isaanii mirkaneesse. Teefiloosii kabajjamaa'a! waan nu jiddu'utti raawwatamuuf namoonni hedduu seenaa kana haga isaanii danda'ame barreessaniiran. Seenaan kun ka worri ijaan arganii fi worra tajaajilaa dubbii Waaqaa turan. Anillee gara kiyyaan abuurraa maraan uf eegganna'aan haga qoradheen maayessa seenaa akka tartiiba eeggateen sii barreessuun akka waan mishaa ta'e arge. Wonti kana godhuuf wonti baratte dhugaa akka ta'e sirri'itti haa beettu'uuf. Bara Heroodisi mootii biyya Yihuuda'aa ta'eeru, balbala Abiya'aa keessaa gadicha Zakkaariyaas jedhamu tokkotu jira. Haati manaa isaa fiixaa ijoollee Aarooniiti. Maqaan isi'ii Elsaabeex jedhama. Isaan lamaanuu ajaja Goofta'aatii fi seera maraanuu mudaa malee jiraachu'uun Rabbiin afo'otti qajeellota turan. Elsaabeex waan dhabduu taateef finna hin qaban. Isaan lamaanuu guddisanii jaaraniiran. Inni hennaa kochoo isaatitti afoo Rabbiititti yoo tajaajilu; Akka seera gadootaatitti gara mana woyyuu Goofta'aa seenee akka hixaana aarsu hireen isa gaye. Hennaa inni hixaana aarsu baniin martinuu diida dhaabatanii Rabbiin kadhata'aa turan. Maleekkaan Goofta'aa mi'a kennaa hixaanaa itti aarsaniin gara mirgaatiin dhaabatee, Zakkaariyaasitti mudhate. Zakkaariyaas hennaa isa arge rifatee sodaate. Maleekkaan sun akkana jedheen, «Zakkaariyaas! kadhaan kee sii dhagayameeraa hin sodaatin! haati manaa tee Elsaabeex ilma dhiiraa sii deetti; maqaa isaallee Yohaannis jettee itti baafta. Gammaddee usheexita; yoo inni dhalate namoonni hedduu hin gammadan. Inni Gooftaa afo'otti waan nama guddaa ta'uuf daadhii woyini'ii yookaan dhuddoo nama macheessu sirimaa hin dhugu, uduu garaa haadha ufii keessa jiru Ayyaana Woyyu'uun guuttama. Ijoollee Israa'elii keessaa namoota hedduu gara Waaqa Gooftaa isaaniititti deebisa. Inni hafuura Eliyaasiitii fi hunnaan afoo isaa hin deema; Inni yaada abbooti'ii gara ijoolle'ee; worra hin ajajamnellee gara ogummaa qajeellotaa hin deebisa; banii dammassee Goofta'aaf akka qophaayan taasisa.» Zakkaariyaas Maleekkaa saniin, «Wonti kun akka ta'u attamiin beeka? Anii fi haati manaa tiyyallee jaarreerra» jedheen. Maleekkaan deebisee, «Ani Gabri'eelii afoo Rabbii dhaabadhu; oduu gammachu'uu kana sitti himu'uuf ergame. Ati dubbii kiyya ka hennaa ufiititti raawwatamu waan hin amanneef haga gaafa wonti kun ta'uutitti afaaniin dubbachuu hin dandeettu» jedheen. Baniinillee Zakkaariyaasiin eega'aa ture. Mana woyyuu keessa ol seenee waan tureef maalalan. Haga achii bayellee womaa isaanitti himuu hin dandeenne. Isaanillee hennaa mana woyyuu keessa ture akka inni mudhata arge hubatan Inni waan duudaa dubbachuu hin dandeenne ta'eef malkataan isaanitti hime. Inni ji'oonni tajaajila isaa dhumnaan gara mana ufii deeme. Maleekkaan Rabbii Gabri'eel ji'a jaheesso'ootitti gara qachaa Naazireetii Galiilaa keessatti argamtuu, Gara durba duudaa Maariyaam jedhamtuu ta namicha fiixaa Daawitii irraa dhalate ka maqaan isaa Yooseef jedhamuu qaadhimamteetitti Rabbiin biraa ergamee dhufe. Maleekkaan sun gara isi'ii dhufee, «Ati ta badhaadhaan guuttamte gammadi Gooftaan si woliin jiraa; Ati dubartoota keessaa ta eebbifamte!» jedheen. Maariyaam dubbii Maleekkaa Rabbii mamtee, «Kun nagaya attamiiti?» jettee yaadde. Maleekkaan akkana isi'iin jedhe, «Maariyaam hin sodaatin! Rabbiin afo'otti badhaadha argatteertaa. Ati hin ulfoofta; ilma dhiiraallee hin deetta; maqaa isaa Yesuus jettaan. Inni guddaa ta'a; Ilma Rabbii maraa olii jedhama. Waandhi Gooftaan teessoo Abbaa isaa ka Daawitii hin kennaaf. Mana Yaaqoobii irratti haga bara baraa mooya; Jeennanni isaallee dhuma hin qabu.» Maariyaam Maleekka'aan, «Ani durba duudaa waan ta'eef kun attamitti ta'a?» jetteen. Maleekkaanillee deebisee akkana jedheen, «Ayyaanni Woyyuun sitti dhufa; hunni Rabbii maraa oliillee si golga. Kanaafuu ka si irraa dhalatu Woyyuu Ilma Rabbii jedhama. Firtittiin teetuu Elsaabeex jaarruma keessa ilma dhiiraa ulfoofteerti. Isiin dhabduu jedhamtu kunoo ji'a jaheessoo keessa jirti. Wonti Rabbiif dadhabamu hin jiru» jedhe. Maariyaamillee, «Ani hojjattuu Goofta'aati, akkuma ati jette naa haa ta'uu» jetteen. Achiin maayessa Maleekkaanillee isii biraa deeme. Maariyaamillee ji'uma san kaatee, gara biyya gaaraa qachaa biyya Yihuudaa ariifattee dhaxxe. Isiin gara mana Zakkaariyaasii seentee Elsaabeexiin nagaya gaafatte. Elsaabeex hennaa nagaya Maariyaamii dhageette, rimeenni gadaamessa isi'ii keessatti utaale; Elsaabeexillee Ayyaana Woyyu'uun guuttamte. Laagaa ufii ol fudhattee akkana jette, «Ati dubartoota keessaa ta eebbifamte. Fiixaan gadaamessa keetiillee ka eebbifame! Haadha Gooftaa kiyyaa! gara kiyya dhufuun kee naa ulfinna attamiiti? Hennaa laagaa nagaya keetii gurra kiyyaan dhagaye rimeenni gadaamessa kiyya keessatti gammachu'uun utaale. Dubbiin Gooftaa irraa isi'itti himame waan raawwatamuuf ta amante ta eebbifamte» jette. Maariyaam akkana jette, «Lubbuun tiyya Gooftaa kabajjiti; Garaan kiyyallee Waaqa fayyisaa kiyyatti hin gammada. Salphinna garbittii ufii waan argeef, adha irraa jalqabee dhaloonni maruu ta eebbifamte naan jedhan. Inni jabaan na irratti waan guddaa hojjate. Maqaan isaallee woyyu'u. Dhiifamsi isaallee worra isa sodaataniif dhaloota irraa haga dhalootaa jiraata. Inni dandeettii ufii mudhisee, worra boonan yaada garaa isaanii woliin bittinneesse. Bulchoota teessoo isaanii irraa buusee, worra gad aanaa ol kaase. Worra beelayanillee waan misha'aan quubsee, dureeyyiillee harka duwwaa geegesse. Maariyaam haga ji'a sadihii isii bira teettee achiin maayessa gara mana ufii deebite. Elsaabeex jiini isiin deettu geennaan Ilma deette. Akka Gooftaan arjummaa ufii isi'ii guddise dhagayanii ollaanii fi firoonni isi'ii isii woliin gammadan. Worri daa'ima gadoomsu'uuf guyyaa saddeetesso'ootitti dhufan, daa'ima maqaa abbaa isaa Zakkaariyaasiin itti baasuu fedhan. Haati ammoo inni Yohaannis haa jedhamuu malee akkas hin ta'u jette. Isaan isi'iin «Worra kee keessaa maqaa kanaan ka waamameeru tokkollee hin jiru» isi'iin jedhan. Abbaan Ilma ufiitiin eennu jedhee maqaa akka itti baasu malkataan gaafataniin. Innillee waan irratti barreessu gaafatee, maqaan isaa Yohaannis jedhee barreesse. Isaan Martinuu hin maalalfatan. Yoma san afaan isaa banamee arrabni isaallee hiikkatee Rabbiinillee galatoonfata'aa dubbate. Ollaan isaanii martinuu hin sodaatan. Wonti kun biyya Yihuuda'aa marattuu odeeffame. Hunni Goofta'aa waan isa woliin jiruuf worri dhagayan martinuu, «Daa'imni kun maal ta'inna laata?» jedha'aa garaa ufii keessatti yaadan. Abbaan isaallee Zakkaariyaas Ayyaana Woyyu'uun guuttamee akkana jedha'aa raaga dubbate. «Banii ufii gargaaree bilisa waan isaan baaseef, Waandhi Israa'eelii Gooftaan haa eebbifamu. Worra diina keenna ta'anii nu jibban maraa irraa nu fayyisa. Akka kanaan abbootii teennaa dhiifama godhe. Waadaa abbaa keenna Abrahaamiif gale woyyuu ufii qaabate. Isuma kanaan harka diintotaa jalaa baane. Bara keenna maraa sodaa malee woyyumma'aa fi qajeellumma'aan afoo isaatitti akka isa tajaajillu nuu kenne. Akkasuma ati daa'ima nana! raagaa Rabbii maraa olii hin jedhamta, Karaa isaallee haxaayu'uuf Gooftaa afoo deemta. Akka kanaan ka dhiifamsa cubbu'uu ta'e, beekkumsa fayyinnaa banii Rabbiitiif kennita. Waandhi keenna Waaqa araaraatii fi gara laafessa waan ta'eef, Inni aduun fayyinnaa gubba'aa akka nuu ifu taasisa. Ifni isaallee worra dukkanaa fi gaaddidduu du'aa keessa jiraniif hin ifa. Luka keennallee gara karaa nagayaa qajeelcha» jedhee raage. Daa'imni guddatee, Ayyaanaan jabaatee haga gaafa banii Israa'eliititti mudhatuuf lafa udume'ee keessa jiraate. Ji'oota san keessa biyyi lafaa maruu akka galmaayu mootii mootota Awugisxoosiin biraa ajanyi baye. Galmaayuun namaa kun jalqaba hennaa Qernewoos biyya Sooriya'aatitti bulchaa ture ta'e. Namoonni martinuu galmaayu'uuf gara qacha'aa deeman. Uduma isaan achi jiran jiini isiin deettu gaye. Achitti ilma hangafaa deette; mana keessumma'aa keessatti huleen bulan waan hin jirreef daa'ima uffataan martee gongaa keessa raffifte. Biyya san tissee halkan horii eeddutu jira. Maleekkaan Goofta'aa dimmaa isaanitti mudhatee ulfinni Goofta'aallee isaanitti ifnaan bararraaqan. Maleekkaan Rabbiillee akkana isaaniin jedhe, waan oduu gammachu'uu ka banii maraaf ta'u isinitti himuuf, «Hin sodaatinaa'a! Adha qachaa Daawitii keessatti qorsi isinii dhalateera; innillee Gooftaa Kiristoos. Kun malkata akka isinii ta'u, Daa'imni uffataan maramee gongaa keessa ka rafeeru argitan» isaaniin jedhe. Maleekkonni sami'ii hedduu Maleekkaa Rabbii san woliin dimmaa mudhatanii, «Samii irratti ulfinni Rabbiif; lafa irratti nageenni namoota inni jaalatuuf haa ta'u» jedhanii Rabbiin galatoonfatan. Hennaa Maleekkonni isaan biraa fooyamanii gara sami'ii ol bayan tissoonni, «Ka'aa mee gara Beeteliheemii dhandhee, waan ta'e kana ka Gooftaan nutti hime laallaa!» woliin jedhan. Isaan hennaa daddafanii dhaqan Maariyaamii fi Yooseefiin argan, Daa'imallee moonaa loonii keessa gongaa horiin okaya keessaa nyaatu keessatti argan. Tissoonni hennaa isa argan waan Maleekkaan Rabbii waan daa'ima kanaa isaanitti dubbate odeessan. Worri dhagayan maruu waan tisseen itti himte san hin maalalfatan. Maariyaam ammo waan kana maraa garaa ufiititti yaada'aa eega'aa turte. Tissoonni akkuma isaaniin jedhame waan dhagayanii argan maraafuu Rabbiin galatoonfata'aa kabajja'aa deebi'an. Guyyaan sadeessoon geennaan hennaan daa'ima gadoomsan gaye, akkuma haati isaa uduu hin ulfaayiniin duratti Maleekkaan maqaa isaa baase san «Yesuus» jedhaniin. Hennaa san namichi maqaan isaa Simoon jedhamu ka Yerusaalemiin keessa jiraatu tokkotu jira; Inni nama qajeela'a; ka jiruu ufii Rabbiif kenneeru. Inni nama fayyinna Israa'elii eeggatu ka Ayyaanni Woyyuun irra jiru ture. Nama Goofta'aan muudame uduu hin argine akka hin duune Ayyaana Woyyu'uun hubate. Ayyaanaan gara mana woyyu'uu dhaqe; Maariyaamii fi Yooseef akka Seera Muuse'eetitti waan isa barbaachisu isaa godhu'uuf hennaa daa'ima qabatanii gara mana woyyu'uu seenan, Inni daa'ima isaan harkaa fuudhee ammatee Rabbiin galatoonfata'aa akkana jedhe, «Amma Gooftaa'a, abdii kennite guutteerta, ana tajaajilaa kee nagayaan hulee dhuga'aa geessi. Kun ifa dhugaa worra Yihuudota hin ta'initti mudhisu ta'a; Gumii kee Israa'eliifillee ulfinna fida» jedhee Rabbiin galatoonfate. Yooseefii fi Maariyaam waan Simoon waan daa'imaatiif dubbate maalalfatan. Raattittiin Haannaa jedhamtu ta guddiftee jaarteertu, mucattiin Faanu'eelii, ta gosa Aseerii takka achi jirti. Isiin heerumtee woggaa torba haga jiraatteen maayessa abbaan manaa isi'ii du'e. Achiin maayessa haadha hiyyeessaa taate. Haga woggaa saddeettamii afurii abbaa manaa malee teette. Isiin mana woyyuu keessatti soomaa fi Rabbiin kadhachu'uun halkanii fi guyyaa Rabbiin tajaajilte. Haannaan hennama san dhuftee Rabbiin galatoonfattee, waan daa'imaa worra bilisa bayuu Yerusaalemii eeggatu marattuu dubbatte. Yooseefii fi Maariyaam haga waan Seerri Goofta'aa ajaju mara godhanii fixaniin maayessa gara qachaa ufii gara Naazireetii ka Galiilaa keessatti argamuu deebi'an. Daa'imni guddatee jabaate; nama qaroo ta'e; badhaani Rabbiillee isa irra jira. Abbaa fi haati isaallee woggama wogga'aan guyyaa ayyaana Faasika'aa gara Yerusaalemii dhaqan. Hennaa mucaan woggaa kudha lamaa guute, akkuma baratame isaan gara Yerusaalemii dhaqan. Guyyoonni ayyaanaa sun haga lufeen maayessa hennaa deebi'an Yesuus Yerusaalemitti hafe. Akka Inni achitti hafe Maariyaamii fi Yooseefillee hin beenne. Imaltoota woliin waan deeme seeyanii deemsa guyyaa tokkoo deemanii firoota ufiitii fi nama beekan maraa iyyaafataniin. Isaan hennaa achii isa dhaban soqa'aa gara Yerusaalemii deebi'an. Guyyaa sadihiin maayessa mana woyyuu keessatti edduu barsiisotaa taa'ee isaan dhagaya'aa, hennaa inni gaafii isaan gaafatu argan. Worri isa dhagayan martinuu beekkumsa isaatii fi deebii inni deebisu maalalan. Abbaa fi haatillee hennaa isa argan hin maalalan. Haati isaa, «Ilma kiyya maaf akkana nu goote? Anii fi abbaan kee akka malee yaaddofnee si soqaa'aarra» jetteen. Yesuus deebisee, «Isin maaf na soxxan? Ani mana Abbaa kiyyaa keessa taa'uu akka na barbaachisu hin beettanii?» isaaniin jedhe. Isaan waan inni dubbate hin hubanne. Achiin maayessa inni worra ufii woliin gara qachaa Naazireetii deebi'ee worraafillee ajajame. Haati isaa waan kana maraa garaa ufii keessatti eega'aa turte. Yesuus ogumma'aa fi hojja'aan gaachenaanillee Rabbii fi nama afo'otti hin guddate. Hennaa Qeesaar Xibaariyos mooye woggaa kudha shaneesso'ootitti Pheenxenichi Philaaxoos bulchaa biyya Yihuuda'aa ture; Heroodisi biyya Galiila'aatitti, obboleessi isaa Filiphoos biyya Xuriya'aatii fi Xuraakondoositti, Lisaaniyaasillee biyya Saabilamiisiititti bulchitoota turan. Hennaa Haannaanii fi Qayyaaffaan bulchoota gadootaa ta'aniiranitti dubbiin Rabbii gammoojjii keessatti gara ilma Zakkaariyaasii gara Yohaannisii dhufe. Kanaafuu Yohaannis gumii harka isaatitti cuuphamu'uuf dhufaniin akkana jedhe, «Isin ijoollee bofaa! dheekkamsa dhufa'aaru jalaa akka baqattan eentu isinitti hime? Kanaafuu cubbuu irraa deebi'aa'a, waan mishaa hojjadhaa'a, Eegasuu abbaan keenna Abrahaam hin jedhinaa'a, Rabbii dhagaa kanniin keessaa Abrahaamiif ijoollee taasisuu waan danda'uuf. Amma dhagaraan muka jala jira. Kanaafuu munni daraaraa mishaa hin daraarre maruu muramee ibiddatti gatama» jedhe. Hennaa san gumiin, «Maal haa goonu ree?» jedhanii gaafataniin. Innillee deebisee, «Ka uffata lama qabu ka biraatiif haa kennuu. Ka waan nyaatu qabullee akkasuma haa godhuu» jedhe. Qaraxxoonnillee akkasuma cuuphamu'uuf dhufanii, «Barsiisaa'a! maal haa goonu?» jedhanii isa gaafatan. «Waan seeraan murtaaye caalchiftanii hin guurinaa'a» isaaniin jedhe. Loltoonni gariin, «Nu hoo ree? maal goona?» jedhanii isa gaafatan. Inni isaaniin, «Eennuun irrattillee waan hamaa hin hojjatinaa'a; eennuunillee sobaan hin himatinaa'a; mindaan keessanuu isin haa gayuu» isaaniin jedhe. Uduu gumiin isa eega'aaru isaan martinuu garaa ufii keessatti, «Yohaannisiin kun Kiristoosiin ta'innaa?» jedha'aa yaada'aa turan. Yohaannis deebisee, «Ani bisaaniin isin cuupha. Haa ta'uu ammo ka ani miseensa kophee isaa hiikuun naaf hin malle ka na caalu hin dhufa. Inni ayyaana woyyu'uu fi ibiddaan isin cuupha. Mashiinillee harka isaa keessa jira. Ooyidiillee sirima hin qulqulleessa. Qamadii gaaguratti galcha. Buraa ammo ibidda hin dhaamnetti guba» isaaniin jedhe. Kanaafuu banii karaa adda addaatiin gorsa hedduu gorsa'aa Dubbii Nagayaallee isaanitti lallaba'aa ture. Heroodisiin bulchaan kutaa arfeesso'oo ammo waan haadha manaa obboleessa ufii ta Filiphoosii Heroodiyaadaa waan hamaa inni godhe saniif Yohaannis waan isa gorseef, Wonti kun waa maraa caalee wolitti eda'amee Yohaannisiin akka hidhamu taasise. Haga baniin maruu cuuphameen maayessa Yesuusillee hin cuuphame. Inni hennaa faateffatu samiin hin baname. Ayyaanni Woyyuun akka bifa qaamaatiin handarii fakkaatee isa irratti bu'e. Yoma san laagaan, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhu si'i; ani si'iin gammada» jedhu samii irraa dhufe. Yesuus hennaa tajaajila jalqabu umuriin isaa woggaa soddoma ture. Baniin Yesuusiin ilma Yooseefii seeya; Yooseefiin kun ilma Eeli'iiti. Eeliin ilma Maati'iiti, Maati ilma Leewwi'iiti, Leewwi ilma Miilkiiti, Miilki ilma Yoona'aati, Yoonaan ilma Yooseefiiti, Yooseef ilma Matatiyuuti, Matatiyu ilma Amootsiiti, Amootsii ilma Naahoomiiti, Naahoom ilma Esliimiiti, Esliim ilma Nage'eeti, Nage ilma Ma'aatiiti, Ma'aati ilma Matatiyuuti, Matatiyu ilma Seemeyiiti, Seemeyi ilma Yooseefiiti, Yooseef ilma Yoodaati, Yoodaan ilma Yoonaaniiti, Yoonaan ilma Reesiiti, Reesi ilma Zarubaabeliiti, Zarubaabeli ilma Salatiyaaliiti, Salatiyaali ilma Neeriiti, Neeri ilma Miilkiiti, Miilki ilma Haadiiti, Haadi ilma Yoosasiiti, Yoosasi ilma Qosaamiiti, Qosaami ilma Elimodameeti, Elimodame ilma Eeriiti, Eeri ilma Yosee'iiti, Yoosee'i ilma Eli'aazariiti, Eeli'aazari ilma Yooraamiiti, Yooraam ilma Maaxaatiiti, Maaxaati ilma Leewwi'iiti; Leewwiin ilma Simooniiti. Simoon ilma Yihuuda'aati, Yihuudaan ilma Yooseefiiti, Yooseef ilma Yoonaaniiti, Yoonaan ilma Eliyaaqeemiiti, Eliyaaqeemi ilma Meliyaati, Meliyaan ilma Maayinaaniiti, Maayinaan ilma Maaxaatiiti, Maaxaati ilma Naataaniiti, Naataan ilma Daawitiiti, Daawiti ilma Isseyiiti, Isseyi ilma Iyyoobeediiti, Iyyoobeedi ilma Boo'eeziiti, Boo'eez ilma Solmooniiti, Solmooni ilma Na'aasooniiti, Na'aasoon ilma Amiinaadaabiiti, Amiinaadaabi ilma Araamiiti, Araami ilma Arooniiti, Arooni ilma Esiroomiiti, Esiroomi ilma Faaresiiti, Faareesi ilma Yihuuda'aati, Yihuudaan ilma Yaaqoobiiti, Yaaqoob ilma Yisaaqiiti, Yisaaqi ilma Abrahaamiiti, Abrahaam ilma Taara'aati, Taaraan ilma Naakooriiti, Naakoor ilma Seerohiti, Seerohi ilma Ragawuuti, Ragawu ilma Faaleeqiiti, Faaleeqi ilma Abeeriiti, Abeer ilma Saalaatiiti, Saalaan ilma Qaayinaamiiti, Qaayinaam ilma Arifakisidiiti, Arifakisidi ilma Seemiiti, Seemi ilma Noohiiti, Noohi ilma Laamehiiti, Laamehi ilma Maatusaala'aati, Maatusaalaan ilma Heenookiiti, Heenooki ilma Yaareediiti, Yaareed ilma Malali'eeliiti, Malali'eeli ilma Qayinaaniiti, Qaayinaan ilma Heenoosiiti, Heenoosi ilma Seeti'iiti, Seeti ilma Aadamiiti, Aadam ilma Rabbii ti. Yesuus hennaa Ayyaana Woyyu'uun guuttamee laga Yoordaanosiitii deebi'e Ayyaanaan gara lafa udume'ee geeffame. Achitti halkan afurtamaa fi guyyaa afurtamaa daabiloosiin ataabame; guyyoota sanniin waan womaa hin nyaanneef haga faatee fixeen maayii hin beelaye. Daabiloos, «Ati yoo Ilma Rabbii taate, dhagaa kana akka xoroshoo ta'u ajaji» jedheen. Yesuus, « ‹Namni dubbii Rabbiitiin jiraata malee, xoroshoo calla'aan hin jiraatu› jedhamee barreeffameera» jedhee deebiseef. Daabiloos gara gaara tokkoo ol isa baasee haga limsuu ijaatitti mootota adunyaa tanaa maraa itti mudhise. Daabiloos, «Ani kana maraa irratti ulfinnaa fi baallii si'iif hin kenna. Kun maruu waan naa kennameeruuf, ani ka jaaladheef kennuu danda'a. Kanaafuu ati yoo naa sagadde wonti kun maruu kee ta'a» jedheen. Yesuus deebisee, «Waaqa Gooftaa keetiif sagadi, Isuma callaa waaqeffadhu! jedhamee barreeffameera» jedheen. Akkasuma gara Yerusaalemii fideenii fiixxee ginnoo mana woyyu'uu irra ol isa baasee, «Ati yoo Ilma Rabbii taate, asii gad uf darbi» jedheen. ‹Rabbi akka si eeganiif maleekkota ufii sii ajaja. Akka lutti tee horoma dhaga'aan hin gufanne harka ufiitiin ol si qaban› jedhamee waan barreeffameeruuf, ati Ilma Rabbii yoo taate, asi irraa gad uf darbi» jedheen. Yesuusillee deebisee, « ‹Waaqa Gooftaa kee hin qorin› jedhamee barreeffameera» jedheen. Daabiloos haga ataabee ufii maraa fixeen maayessa haga henna'aatiif isa biraa deeme. Yesuus hunna Ayyaana Woyyu'uutiin gara Galiila'aa deebi'ee gurri isaallee biyya naannoo jirtu marattuu dhagayame. Inni mana sagada Yihuudotaa keessatti barsiisa'aa ture; namni maruu isa jaje. Inni gara biyya itti guddatee gara Naazireetii dhaqee akkuma aada'aatitti guyyaa Sambataa mana sagada Yihuudotaa seenee kitaaba dubbisu'uuf ka'ee dhaabate. Isaanillee kitaaba raatticha Isaayyaasii itti kennan. Inni maraa kitaabaa badhisee, «Ayyaanni Goofta'aa ana irra jira. worra hiyyeeyyi'iif Dubbii Gammachu'uu akka himuuf na muudeera; worra booji'ameef bilisummaa akka lallabuuf, worra ijaan hin argine akka argan haa godhu'uuf, worra miidhame akka wolaba baasuuf, Bara Gooftaan banii ufii fayyisullee akka labsuuf na ergeera» dubbiin jedhu hulee itti barreeffameeru arge. Innillee kitaaba san maree tajaajila'atti deebisee kennee taa'e; worri mana sagada Yihuudotaa san keessa turan maruu xiinxallanii isa laala'aa turan. Achiin maayessa Yesuus, «Akkuma hennaa dubbifamu dhageettan, Barreeffamni Woyyichi kun adha raawwatame» isaaniin jedhe. Maruu isaa ragaa baya'aa turan. Kennaa dubbi'ii Ayyaana qabeessa ka afaan isaatii bayu maalalanii, «kun ilma Yooseefiitii mitii?» jedhan. Yesuus, «Akka isin ati abbaan qorichaa uf fayyisi, Qifirnaahoomittillee akkuma waa hojjachuu kee dhageenne san as biyya kee keessattillee hojjadhu jettanii akka natti mammaattan ani shakkii hin qabu» isaaniin jedhe. Lammeessoollee, «Ani dhugamaan isinitti hima, raattichi kamuu biyya ufiititti fudhatama hin qabu. Ani dhugamaan isiniin jedha, bara Eeliyaasii raattichaatitti woggaa sadihii fi ji'a jahaa roobni caamee, hennaa beelli jabaan biyya maraa irratti bu'e, biyya Israa'elii keessatti haati hiyyeeyyi'ii heddutu ture. Haa ta'uu ammo Eeliyaas gara Saraphta'aa biyya Siidonaa keessa jirtuutii gara hiyyeettii takkaa malee, gara taawwanii hin ergamne. Bara raatticha Elsaa'ii namni dhukkuba gogaa kukkutuun qabame heddutu biyya Israa'el keessa jira; garuu Niimaanii biyya Sooriya'aa tokkicha san malee worra kaawwan keessaa namni tokkolle hin fayyine» jedhe. Namoonni mana sagada Yihuudotaa keessa jiran maruu hennaa kana dhagayan akka malee aaran. Isaan gaara irraa isa darbu'uuf gara gaara qachaan sun irratti hojjatamtee qachaa keessaa isa baasanii gara ededaa isa fidan. Inni ammo isaan jidduu lufee deeme. Achiin maayii qachaa Qifirnaahoomii gara Galiila'aa bu'ee guyyaa Sambataa isaan barsiisa'aa ture. Inni waan baalli'iin barsiisa'aa tureef dubbii barumsa isaa maalalan. Mana sagada Yihuudotaatitti namicha jinni'iin dhayame tokkotu ture. Inni laagaa gudda'aan, «Lakki! Yesuusii nama Naazireetii hajaa maal nu irraa qabda? Nu balleessu'uuf dhuftee? Ati eennuun akka taate si beeka! Ati Woyyicha Rabbiiti» jedhee iyye. Yesuus ayyaana hama'aan, «Cadhisi! isa keessaa bayi!» jedhee isa teedeffate. Seexannillee isaan jiddu'utti isa kuffisee uduu namicha hin miine isa keessaa baye. Namoonni maruu maalalfatanii, «Dubbiin akkanaa kun maali'i? baalli'ii fi hunnaan ayyaanota battii ajaja; isaanillee ajajamanii bayan» jedha'aa woliin qaaqan. Gurri isaa gara biyya naannoo san jiru maraa keessatti dhagayame. Mana sagada Yihuudotaatii ka'ee gara mana Simoonii seene. Hennaa san soddaatiin Simoonii waan dhukkuba oo'aatiin dhukkubsattee turteef, isaan akka inni isii fayyisu isa kadhatan. Inni yoosuu dhibee san teedeffate. Dhibeen hennama san isii dhiisee. Isiin ol kaatee isaan tajaajilte. Hennaa aduun dhiite dhukkubsattoota dhibee adda addaatiin qabaman maraa gara isaa fidan. Inni tokko tokko isaanii harka ufii isaan irra kaayee isaan fayyise. Jinniin ammo, «Ati Kiristoosii Ilma Rabbiiti» jedha'aa namoota heddu keessaa iyya'aa bayan. Akka inni Kiristoosiin ta'e waan beekaniif, Innillee isaan teedeffate akka hin dubbanne isaan dhoogge. Yesuus akkuma lafti bariiteen bayee gara lafa udume'ee deeme. Baniin isa barbaadee gara isaa dhufe. Inni isaan dhiisee gara biraa akka hin deemne dhoogguu barbaadan. Inni ammo isaaniin, «Ani Dubbii Nagayaa ka jeennata Rabbii qachoota biraatittillee lallabuu na barbaachisa; ani akka kana hujuuf ergame» jedhe. Inni mana sagada Yihuudotaa ka Galiila'aatitti lallaba'aa ture. Baniin dubbii Rabbii dhagayu'uuf hennaa wol dhiiba'aa jiran inni qaccee galaana Geensaareexii dhaabatee ture. Yaballan lamaan qaccee galaanaa dhaabatan arge; worri qurxummii qaban ammo yabala ufii keessaa bayanii siiboo ufii miica'aa turan. Yabala Simoonii keessa seenee lafa irraa diqqoo gara galaanaa keessa akka siissu isa kadhate. Achiin maayii Yabalattii irra taa'ee banii barsiisa'aa ture. Haga dubbii ufii fixateen maayessa Simooniin, «Gara bisaan xiilla'aa sissiitii, qurxummii qabu'uuf siiboo keessan gad darbaa'a» jedheen. Simoon, «Barsiisaa'a! eda halkan guutuu dadhaba'aa bullee womaa hin qabne; haa ta'uu ammo yoo ati jette ani siiboo hin darba» jedheen. Hennaa kana godhan qurxummii heddu qaban. Siiboon isaaniillee hin biinxame. Hiriyyoonni isaanii worri yabala biraa keessa turan dhufanii akka isaan gargaaran harkaan haatatan. Isaanillee dhufanii yaballan lamaanuu haga liqimfamuu gayutti guutan. Simoon Pheexroos ammo hennaa kana arge jilba Yesuusii jalatti kufee, «Gooftaa'a! ani cubbama'a; natti hin dhiyaatin!» jedheen. Waan qurxummii qabanii isaa fi worri isa woliin ture maruu hin maalalfatan. Akkasuma ammo worri hiriyyoota Simoonii turan ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannisillee hin maalalan. Yesuusillee Simooniin, «Hin sodaatin! ammaa achi nama nama qabu taataa» jedheen. Isaan yaballan harkisanii qarqaratti baasanii waan mara dhiisanii Yesuusiin faana deeman. Gaafa tokko Yesuus uduu qachaa tokko keessa jiru, namichi dhukkuba gogaa kukkutuun qabameeru ka achi jiru tokko, hennaa isa arge, Yesuusiin afo'otti kufee, «Gooftaa'a! yoo fedha kee ta'e na fayyisi» jedhee kadhate. Innillee harka ufii hiixatee isa qaqqabeenii, «Hin fedhaa fayyi» jedheen. Yoma san dhibeen gogaa kukkutu sun irraa bade. Yesuus namichaan, «Waan kana nama tokkottillee hin himin; haa ta'uu ammo deemiitii gadootatti uf mudhisi; akka ati fayyite, namni maruu akka beekuuf fayyuu keetiif ciincaa Muuseen ajaje dhiyeessi!» jedhee isa ajaje. Oduun ammo guddisee dhagayame; baniin heddu isa dhagayu'uuf, dhibee irraallee fayyu'uuf isa biratti wol gaya'aa turan. Haa ta'uu ammo inni gara lafa udume'ee siiqee faateffata'aa ture. Innillee guyyaa tokko barsiisa'aa oole. Gandoota Galiila'aatii fi Yihuudaa keessatti argaman maraa keessaa maruu Yerusaalemii dhufanii, Yerusaalemiillee worri dhufanii turan Fariisotaa fi barsiisonni seera Muuse'ee achi taa'aniiran. Innillee akka Fayyisuuf hunni Goofta'aa isa woliin jira. Jarri tokko nama laamshayaa wosaasa'aan baadhatanii fidanii seensisanii afoo isaa kaayu'uuf barbaadanii, Sababaa baay'inna bani'iitiif akkam godhanii akka seensisan dhabnaan mana irra bayanii ginnoo manaa saaqanii wodhakka'aan afoo Yesuusiititti wosaasaa woliin gad buusan. Yesuus amantii isaanii argee, namichaan, «Namana! cubbuun kee sii dhiifameera» jedheen. Barsiisonni Seera Muuse'ee tii fi Fariisonni, «Ka Rabbiin arabsu kun eennu inni? Rabbii tokkicha malee eennutu cubbuu namaa dhiisuu danda'a?» jedha'aa yaada'aa turan. Yesuusillee yaada isaanii beekee, «Isin maaf waan akkanaa kana garaa keessan keessatti yaaddan? ‹Cubbuun kee siif dhiifameera› jechu'u moo yookaan, ‹Ol ka'ii deemi› jechu'utu salpha'a? Haa ta'uu ammo biyya lafaatitti dhiifama cubbuu godhuuf Ilmi Namaa baallii akka qabu akka beettan» jedhee namicha laamshayaa saniin, «Ol ka'i! Itillee tee qabadhuu gara mana keetii deemi!» jedheen. Hennaa san afoo isaniititti ol ka'ee, itillee irra ciisa'aa ture fudhatee, Rabbiin galatoonfata'aa gara mana ufii deeme. Isaan maruu akka malee maalalfatanii guddisanii sodaatanii, «Adha waan maalale'ee argine!» jedha'aa Rabbiin galatoonfatan. Achiin maayessa Yesuus achii deemee namicha qaraxa guuru ka Leewwii jedhamu tokko, bakka qaraxa itti guuru uduu inni taa'eeru argee, «Na faana koottu» jedheen. Innillee waan maraa dhiisee ka'ee isa faana deeme. Leewwiin mana ufiititti waan nyaataa qopheessee isa waame, worri isaan woliin hurbaata'aaf taa'anii jiran ka qaraxa guuruu fi namoonni biraallee heddutu ture. Faariisotaa fi barsiisonni seera Muuse'ee gariin, «Isin maaf qaraxxootaa fi cubbamtoota woliin nyaattan? maaf dhuddan?» jedhanii darasoota Yesuusiititti guunguman. Yesuusillee deebisee, «Dhukkubsattootaaf malee worra fayyaa qabuuf ogeessi fayya'aa hin barbaachisu. Ani ka dhufeef cubbamtoota gara dhiifamsaa waamuuf malee balchoota waamu'uuf hin dhufne» isaaniin jedhe. Namoonni gariin Yesuusiin, «Darasoonni Yohaannisii hennaa hedduu sooma'aa Waaqa kadhatan. Darasoonni fariisotaallee akkasuma godhan; darasoonni tee ammo hin nyaatan, hin dhuganille'e» jedhaniin. Yesuus akkana jedhee isaanii deebise, «Uduu idaayyaan isaan woliin jiru worra jaalaa soomsisuu dandeettuu? Haa ta'uu ammo hennaan Idaayyaan isaan biraa fudhatamu hin dhufa. Isaan ammo yoo san sooman» isaaniin jedhe. Inni akkana jedhee mammaakaan isaanitti hime. «Namni xaaqaa haarawa uffata moofaa irratti dhaabee hodhu hin jiru. Yoo itti dhaabee hodhe ammo haarawa tarsaasa; xaaqaan haarofni ammo moofa'aaf hin tolu. Qalqala moofa'atti daadhii woyinii haarawa ka kaayu hin jiru; yoo kaaye ammo daadhiin woyini'ii haarofni qalqala dhoosa; innillee hin jiga qalqallillee hin bada. Daadhiin woyini'ii haarofni ammo qalqala haarawa keessa kaayama; lachuu wal qabatan. Namni daadhii woyini'ii ka baye haga dhugeen maayii ka hin bayin dhuguu barbaadu hin jiru. Inni, ‹Ka baye woyya› waan jedhuuf» jedhe. Guyyaa Sambataa Yesuus maasaa midhaanii keessa lufa'aa ture. Darasoonni isaallee asheeta kukkuta'aa harkaan sukkuuma'aa nyaata'aa turan. Fariisota keessaa namoonni gari gariin, «Isin maaf waan guyyaa Sambataatiin godhamuun hin malle gootan?» jedhanii isaan gaafatan. Achiin maayessa Yesuus, «Ilmi Namaa Gooftaa Sambataati» isaaniin jedhe. Gaafa biraallee guyyaa Sambataa gara mana sagada Yihuudotaa seenee barsiise. Hennaa san namichi harki isaa ka mirgaa naafate tokko achi ture. Barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonnillee waan isa himataniin sababa soqu'uuf guyyaa Sambataa akka inni fayyisu eega'aa turan. Inni ammo yaada isaanii beekee namicha harki isaa naafateen «ka'ii edduu isaanii dhaabadhu» jedheen; Inni ka'ee dhaabate. Achiin maayessa Yesuus isaaniin, «Ani waa isin gaafadha: Seerri keenna guyyaa Sambataatiin maal akka goonu nu ajaja? waan mishaa mo'o waan hama'a? Lubbuu fayyisu'u mo'o ajjeesu'u?» isaaniin jedhe. Yesuus gara namoota isa marsanii laalee namichaan ammo, «Harka kee diriirsi» jedheen. Inni harka ufii hin diriirse; harki isaallee akkuma harka kaanii fayyaa ta'e. Isaan akka malee aaranii Yesuusiin maal haa goonu? jedha'aa woliin mari'atan. Torbaanuma san keessa inni faateffachu'uuf gara gaaraa ol bayee, Halkan guutuu Rabbiin kadhata'aa bule. Hennaa lafti bariite darasoota ufii gara ufii waamee isaan keessaallee namoota kudha lamaa filatee, «Ergamtoota» jedhee maqaa isaanitti baase. Isaan Simoon ka inni Pheexroos jedhee maqaa itti baase, Indiriyaas, obboleessa Pheexroosii Yaaqoob, Yohaannis, Filiphoos, Bartolomewoos, Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Simoon ka «Hinaafticha» jedhamee beekkame, Yihuudaa ilma Yaaqoobiitii fi Yihuudaa nama biyya Keriyooti ka Yesuusiin dabarsee kenne fa'a. Yesuus isaan woliin bu'ee bakka raasaa wotaraa dhaabate. Worra gosa darasoota isaa keessaallee banii heddutu ture. Akkasuma isa dhagayu'uuf, dhibee ufii irraa fayyu'uuf jedhanii biyya Yihuuda'aa maraa, Yerusaalemii, Xiroosii, Siidoonaa daangaa galaanaatii worri dhufe namoota heddu turan. Namoonni ayyaanni battiin dhaye hin fayyan. Hunni isa keessaa baye maraa fayyisa'aa waan tureef baniin sun maruu isa tuqu'uuf fedha'aa turan. Inni gara darasoota ufii laalee akkana isaaniin jedhe, «Jeennanni sami'ii teessan waan taateef, Isin hiyyeeyyiin worra eebbiffame! «Isin worri amma beeloftan eebbifamtoota; waan quuftaniif! «Isin worri amma boottan eebbifamtoota; waan kolfitaniif! Namoonni, «Sababa Ilma Namaatiif, yoo isin jibban yoo isin fooyan, yoo isin tuffatanii fi yoo maqaa hamaa isinitti baasan, isin worra eebbifame! samii irratti waan gatiin keessan guddaa ta'eef gammada'aa buburraaqaa'a. Abbootiin keessanillee raattota irratti akkasuma godha'aa waan turaniif. Haa ta'uu ammo, «Isin worri amma dureeyyi'ii isin aanne'e; gatii keessan fudhattaniirtan. Isin worri amma quuftan isin aanne'e; hin beeloftan! Isin ammo worri amma kolfitan isin aanne'ee! gadditanii hin boottan! Yoo namoonni waan misha'aan isin himan isin aanne'ee! Abbootiin teessan raattota sobaatiif akkasuma godha'aa waan turaniif. «Haa ta'uu ammo isin worra na dhageettaniif akkana jedha. Diintota keessan jaaladhaa'a; worra isin jibbuuf waan mishaa godhaa'a. Worra isin abaaru eebbisaa'a; worra isin yakkaniif Rabbiin kadhadhaa'a. Ka boqoo kee dhabanaasu deebisii ka lammeesso'oollee itti naannessi. Ka kootii kee fudhatuuf shamisiillee eda'ii kenniif. Nama si kadhate maraafuu kenni. Ka birrii kee si irraa liqeeffate yookaan ka fudhate akka sii deebisu hin gaafatin. Waan namoonni akka isinii godhan feetan isinillee akkasuma isaanii godhaa'a. Worra isin jaalate yoo jaalattan galata maal qabdan? Cubbamtoonnillee akkasuma worra isaan jaalatan waan jaalataniif. Worra waan mishaa isinii godhee yoo waan mishaa gootan galata maal qabdani? Cubbamtoonnillee akkasuma waan godhaniif. Worra isinii deebisu callaa abdattanii yoo liqeessitan galata maal qabdan? Cubbamtoonnillee akkasuma nama isaanii deebisuu danda'uu waan liqeessaniif. Isin garuu diintota keessan jaaladhaa'a; waan mishaa isaanii godhaa'a, womaa uduu abdii hin goone liqeessaa'a; yoo san gatiin keessan guddaa ta'aa; Ijoollee Rabbii taatan. Inni worra isa hin galatoonfannee fi worra hamootaafuu arjaa waan ta'eef. Akkuma abbaan keessan garaa laafu, isinillee gara laafeyyii ta'aa'a. «Eennuttillee hin murteessinaa'a, isinittillee hin murtaayu; yakkillee isinitti hin muramu, namaa dhiifama godhaa'a, isiniifillee hin dhiifamaa. Kennaa'a; isinii kennamaa. Waan isin ittiin safartaniin isiniillee safaramaa. Safartuu akka misha'atti itti gad qabamee sochoofamee guuttameen haga isin baadhachuu dandeettanitti isinii kennama. Yesuus akkana jedhee mammaaka kana isaanitti hime. Ka ija hin qabne nama ija hin qabne masakkuu danda'aa? Yoo masakke lamaanuu boollatti hin badanii? Barataan barsiisaa hin caalu, ka sirri'itti baratee fixe maruu ammo akka barsiisa'aa ta'a. «Maaf huura ija obboleessa kee keessa jiru laaltaa? Waan guddaa ija kee keessa jiru ammo maaf hin argine? Waan guddaa ija kee keessa jiru uduu hin argine obboleessa keetiin attamitti, ‹Obboleessa kiyya, huura ija kee keessa jiru si baasaa naa eeyyami› jechuu dandeetta? Ati ka fakkeessitu duraan dursii waan guddaa ija kee keessa jiru baasi; achiin maayessa huura ija obboleessa kee keessa jiru baasu'uuf midhaassitee argitaa. «Munni mishaan midhaan hamaa hin daraaru, munni hamaanillee midhaan mishaa hin daraaru. Munni maruu daraaraa ufiitiin waan beekkamuuf muka qore'ee irraa daraaraa hurbu'uu hin guuran. Waan garaa keessa guute afaan qaaqa; namni waan mishaa garaa ufii keessatti kuufate dubbata. Namni badaan waan badaa garaa ufii keessatti kuufate dubbata. «Waan ani isinitti himu uduu hin raawwanne maaf, ‹Gooftaa'a! Gooftaa'a!› jedha'aa na waamtan. Namni gara kiyya dhufee dubbii kiyya dhagayee ka godhu maruu eennuun akka fakkaatu isaanitti mudhisa. Inni nama mana ufii dhagaa irratti gad fageessee qotee ijaarate tokko fakkaata. Lolaan hennaa dhufee mana san dhiibe, Manni sun waan dhagaa irratti ijaarameef sochoosuu hin dandeenne. Namni dubbii kiyya dhagayee hujii irra hin oolchine akkasuma nama dhaaba mana ufii gad fageessee hin ijaarre tokko fakkaata. Lolaan dhufee dhiibee mana san kuffisee kufaatiin mana saniillee badaa ta'e.» Inni dubbii kana maraa haga bani'itti himee fixeen maayessa gara Qifirnaahoomii deeme. Ajajaan loltoota dhibbaa tokko gara isaa dhufee, hojjataan ani jaaladhu tokko dhukkubsatee du'uu gayeera. Inni hennaa waan Yesuusii dhagaye, manguddoota Yihuudi'ii gara isaa ergee akka inni dhufee hojjataa isaa isaaf fayyisu kadhateen. Isaan gara Yesuusii dhufanii, «Inni banii keenna hin jaalata; Mana Sagadaallee nuu ijaareera, kanaafuu namni kun gargaarsa si irraa argatuu barbaachisa» jedhanii jabeessanii kadhataniin. Yesuus isaan woliin deeme; hennaa gara mana isaa dhiyaate ajajaan dhibbaa loltoota jaalalloo ufii gara isa ergee akkana jedheen, «Gooftaa'a! ati mana kiyya seenuun waan siin hin malleef hin dadhabin. Kanaafuu ani gara kee dhufuun naaf hin malu. Haa ta'uu ammo afaanuma calla'aan ajaji mucaan kiyya hin fayyaa» jedhe. Ani nama worra baallii qabu jalatti bulu. Ani loltoota uf jalatti bulchu qaba. Isaan keessaa tokkoon yoo ‹Deemi› jedhe, inni hin deema; ka biraatiinillee yoo ‹Koottu› jedhe, inni hin dhufa; hojjataa kiyyaan yoo ‹Waan kana huji› jedheen hin huja!» Yesuusillee kana dhagayee maalalfatee gara banii isa faanaa deema'aaruutitti gara galee, «Ani isinitti hima; amantii guddaa akkasii Israa'eliin keessattuu sirimaa hin argine» isaaniin jedhe. Worri ergaman hennaa gara manaa deebi'an hojjataa san ka fayyeeru argan. Bariisaallee achii ka'anii gara qachaa Naayin jedhamtuu takka dhaqe; darasoonni isaatii fi gumiin hedduunillee isa woliin deeman. Hennaa gara balbala qachaa sanii dhiyaate jarri tokko nama du'e baadhatanii gad baasan. Ka du'e sun haadha ufiitiif tokkicha ture. Isiin ta abbaa manaa hin qabne turte; baniin qachaa saniillee heddutu woliin ture. Gooftaan hennaa isii arge gaddeefii, «Hin booyin» jedheen. Gara wosaasa'aa dhiyaatee wosaasaa tuqe. Jarri reeffa baadhatan sunniinillee hin dhaabatan. Innillee akkana jedhe, «Dargaggeessa nana! Ani si'iin jedhaa ka'i!» jedhe. Dargaggeessi du'e sunillee ol jedhee taa'ee dubbachuu jalqabe. Achiin maayessa Yesuus deebisee Haadhatti kenne. Maruu sodaatanii «edduu keennatti raanni guddaan ka'eera; Rabbillee banii ufii tooyateera» jedha'aa Rabbiin galatoonfatan. Gurri isaa Yihuuda'aa fi biyya naannoo isi'ii jirtu marattuu dhagayame. Darasoonni isaa kanniin maraa Yohaannisitti himan. Yohaannisillee barattoota keessaa lamaan gara ufii waamee, «Ka dhufu'uuf ta'u si'i mo'o ka biraa haa eennu?» jedhee gara Yesuusii erge. Namoonnillee gara isaa dhufanii, «Yohaannis cuuphaan, ‹Ka dhufu'uuf ta'u si'i moo yookaan ka biraa eenna?› jedhee gara kee nu ergeera» jedhaniin. Hennama sanitti dhukkubaa fi rakkinna dhukkubaa ayyaana hamaa irraallee heddu isaanii fayyise; ka ijaan hin arginellee heddu ija bane. Yesuus deebisee, «Deema'aatii, waan argitanii fi waan dhageettan Yohaannisitti himaa'a! jaamaan hin arga, worri hokkolu hin deema, worri dhukkuba gogaa kukkutuun qabame hin fayya, worri gurraan hin dhageenne hin dhagayan, worri du'ellee hin ka'a, Dubbiin Nagayaa hiyyeeyyi'iif hin lallabama. Namni na mamee hin gufanne ka eebbifame!» isaaniin jedhe. Ergamtoonni Yohaannisii haga deemaniin maayessa bani'itti waan Yohaannisii akkana jedhee dubbachuu jalqabe, «maal laalu'uuf gara lafa udume'ee dhaxxan? Ooyyaa leemmanii ka qilleensi sochoosuu? mo'o maal laaluuf baatan? nama uffata haphii uffatuu? worri uffata bareedaa uffatanii fi qanani'oonni mana moototaa jiran. Maal laalu'uuf baatan? raaga laalu'uuf dhuftanii? ee ka raaga caalutu asi jira» isiniin jedha. ‹Ka karaa kee si afo'otti haxaayu ergamaa kiyya afoo keetitti hin erga› jedhamee ka barreeffameef isa kana. Ani akkana isiniin jedha worra dubartoota irraa dhalatan keessaa ka Yohaannis cuuphaa caalu eennullee hin jiru. Jeennata Rabbii keessatti ammo ka maraa irra diqqa'aatitu isa caala. Baniin dhagaye maruu worri qaraxa guuranillee uduu hin hafin cuuphaa Yohaannisiitiin cuuphamanii Rabbiin ajaa'ibsiifatan. Fariisonninii fi barsiisonni Seera Muuse'ee ammo isaan waan hin cuuphamneef seera Rabbii fudhachuu didan. «Eegasuu namoota dhaloota bara kanaa maali'iin wol haa fakkeessu ree? Isaan eennuun fakkaatan? Isaan ijoollee gabayaa keessa taa'an fakkaatan. Isaan wol waama'aa, ‹Xurumbaa isinii afuufnee isin ammo hin sirbine; faaruu booyaa isinii faarsinee isin ammo hin boonne› jedhan. Yohaannis cuuphaan hennaa dhufe xoroshoo hin nyaatu. Daadhii woyini'iillee hin dhugu. Isin ammo, ‹Inni jinnii uf keessaa qaba› jettan. Ilmi Namaa hennaa dhufe ammo nyaata'aa dhuga'aa waan dhufeef, isin ammo, ‹ila! Inni worra nyaatu, machooftuu, qaraxxu'uu fi cubbamtoota jaalata› jettaniin. Ogummaan worra isii fudhate maraa hin qajeelchiti. Fariisota keessaa namichi tokko akka isa woliin hurbaata nyaatu kadhateen; Yesuusillee mana Fariisicha sanii seenee nyaachu'uuf taa'e. Qachaa sanitti dubartiin cubbamtuun takka akka inni mana Fariisicha sanii dhaqee taa'e haga beette bilillee urgoo Albaalxiroosiitiin guuttame fidee, Duuba isaatiin luka isaa bira dhaabattee booya'aa imimmaaniin luka isaatitti jissitee rifeensa ufiitiin haqa'aa luka isaa dhungata'aa urgoo diba'aa turte. Fariisichi isa hurbaataa nyaachisu'uuf waamellee argee «namichi kun uduu raaga ta'ee ta luka isaa qaqqabdu tun maal akka taate, attamitti akka turtellee hin beeka ture; isiin cubbamtu'u» jedhee garaa ufiititti yaade. Yesuus deebisee, «Simoon waan sitti himu qaba» jedheen. Innillee, «Barsiisaa! natti himi» jedheen. Yesuusillee akkana jedheen, «Namoonni lamaa nama birrii liqeessu tokko irraa birrii liqeeffatan. Tokko birrii dhibba shan liqeeffate; kuun ammo birrii shantama liqeeffate. Jarri lachuu waan kaffalan waan dhabaniif lamaaniifuu dhiise. Eegasuu isaan keessaa kamiin irra caalaa jaalata»? Simoon deebisee, «Ka liqaan guddaan dhiifameef san natti fakkaata» jedheen. Innillee deebisee, «Dhugama dubbatte» jedheen. Gara dubartitti'ii gara galee Simooniin akkana jedhe, «Dubartii tana argitaa? Urga ani gara mana keetii seenee ati bisaanuma lukaatuu naa hin kennine, isiin ammo imimmaan ufii luka kiyyatti jissa'aa rifeensa mataa ufiitiin gossite. Ati na hin dhunganne; isiin ammo urga ani mana seenee jalqabdee luka kiyya dhungachuu hin dhiifne. Ati mataa kiyya dhadhaa na hin ibsine; isiin ammo urgoo gatii gudda'aan bitamu luka kiyya ibsite. Kanaaf akkana isiniin jedha guddiftee waan jaalala guddaa mudhifteef cubbuun hedduu isi'ii dhiifameera. Ka jaalala diqqoo qabuuf waan diqqa'atu dhiifamaaf. Isi'iinillee, «Cubbuun kee sii dhiifameera» jedhe. Worri isaan woliin hurbaata nyaata'aa jiran garaa ufii keessatti, «Kun ka cubbuu namaa dhiisu eennu? Woliin jedhan. Yesuusillee dubartii saniin amantiin kee si fayyiseeraa, nagayaan gali» jedhe. Achiin maayessa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, Dubbii gammachu'uu waan jeennata Rabbii hima'aa, gandootaa fi qachaa keessa lufa'aa ture. Darasoonni kudha lamaanillee isa woliin turan; worra dhibee irraa fayyan keessaa dubartoonni gari gariin worra ayyaana hama'aa fi dhukkuba irraa fayyan keessaa Maariyaamii Magidalaa ta jedhamtu ta seexanni torbaa keessaa baye, Yohaanaan haadha manaa Kuuza'aa ajajaa Heerodisii, Soosina'aa fi namoonni kuuwwanillee heddu ta'anii birrii ufiitiin isa tajaajila'aa turan. Hennaa baniin heddu qachoota maraa irraa wolitti qabamanii gara isaa dhufan mammaakaan akkana jedha'aa isaanitti dubbate. «Namichi tokko sanyii facaasu'uuf baye. Hennaa facaasu tokko tokko qaccee kara'aatitti bu'ee irra deemamee Simbirran dhufanii qocatan. Sanyiin gariin lafa biyyee guddaa hin qabne dhagaa irratti bu'ee hennaa mute, waan jiidha hin qabneef hin goge. Ka biraa qoree keessatti bu'e qoreen woliin mutee hudhee qabe. Ka biraa ammo lafa biyyee misha'aa irratti bu'ee hennaa mute, dachaa dhibba daraare» jedhe. Yesuus hennaa dubbii kana dubbatee fixe, «Ka gurra dhagayu qabu haa dhagayuu!» jedhe. Darasoonni isaa, «Hiikkaan mammaaka kanaa maali'i?» jedhaanii Yesuusiin gaafatan. Innillee akkana jedhee isaanii deebise, «Dhossaa jeennata Rabbii beekuun isiniif kennameera; worra kaawwanii ammo uduu ilaalan akka hin argine; uduu dhagayan akka hin hubanne mammaakkan dubbadha.» Eegasuu hiikkaan mammaaka kanaallee kana. «Sanyiin dubbii Rabbiiti. Sanyiin karaa qacce'etti bu'e sun namoota dubbii Rabbii dhagayanii akka isaan amananii hin fayyineef daabiloos dhufee dubbii san onnee isaanii keessaa fudhata. Sanyiin lafa biyyee guddaa hin qabne ka jalli isaa dhaga'aa irratti bu'e sunillee worra dubbii dhagayanii gammachu'uun fudhatan. Isaan garuu waan hidda hin godhanneef haga hennaa diqqo'ootiif amanan malee yoo ataabamuun isaan irra gaye, hin ganan. Sanyiin qoree keessatti bu'ellee worra dubbii dhagayanii akkuma oolmettii isaanii ka duraatitti yaada'aa, badhaadhummaa jireenna qanani'iitiinillee waan hudhamaniif sanyii hin godhatan. Sanyiin lafa mishaa irratti bu'e ammo worra dubbii Rabbii dhagayanii amanamumma'aa fi mishumma'aan fudhatanii obsaan sanyii daraaraniiti.» Namni kamuu ifaa ibsee ka waa itti gombisu yookaan ka siree jala kaayu hin jiru. Worri diidaa ol seenan akka ifa argan kololee rogatti mudhisu gubbaa kaayan. Wonti dhokate uduu hin mudhanne, yookaan wonti golgame uduu hin beekkamnee fi uduu ifatti hin baane ka hafu tokkollee hin jiru. Kanaafuu hennaa dhageettan qulqulleeffadha'aa dhagayaa'a; nama waa qabu kamiifuu eda'amee kennamaaf. Nama waa hin qabne kamuu wonti inni hin qaba jedhee yaadu diqqoon sunuu irraa fudhatamti. Haati Yesuusiitii fi obboleewwan isaa gara isaa dhufanii sababa guddinna bani'iitiif isa arguu hin dandeenne. Hennaa kana namoonni, «Haati teetii fi obboleewwan tee si soqaa dhufanii diida dhaabataniiran» jedhanii itti himan. Inni deebisee, «Haati tiyyaa fi obboleewwan tiyya worra dubbii Rabbii dhagayanii hojii irra oolchan» isaaniin jedhe. Gaafa tokko inni darasoota ufii woliin gara yabala tokkoo seenee, «Ka'aa galaana gama haa ceenuu» isaaniin jedhe. Isaanillee ka'anii deeman. Uduu yabala keessa seenanii deema'aa jiran Yesuusiin hirribni qabee rafe. Yaballillee bisaan hoboonbolattii galaana san irratti ka'een guuttamuu jalqabnaan akka malee sodaatan. Hennaa san darasoonni isaa gara isaa dhiyaatanii, «Gooftaa keenna banne!» jedha'aa isa kaasan. Inni dammaqee bubbe'ee fi dambalii bisaanii teedeffatee cadhisiise. Dambaliinillee hin cadhise. Innillee, «Amantiin keessan meeti?» jedhee isaan gaafate. Sodaatanii maalala'aa ka qilleensinii fi bisaanillee ajajamaniif kun eennu? woliin jedhan. Isaan gara biyya Gergesoonii afoo Galiila'aatitti yabalaan ceeyan. Hennaa yabala irraa bu'an namichi jinniin dhaye tokko qachaa sanii bayee isatti dhufe. Namichi sun bara hedduuf uduu uffata hin uffannee fi uduu manatti hin galle, awwaala jidduu jiraata'aa ture. Hennaa Yesuusiin arge afoo isaatitti gad kufee laagaa ufii ol fudhatee iyyee, «Ee Yesuus! Ilma Rabbii maraa olii! maal na irraa qabda? Ani si kadhadhaa, na hin rakkisin!» jedhe. Yesuus hafuurri hamaan namicha keessaa akka bayu waan ajajeeruuf, inni akkana jedhe. Hennaa hedduu ayyaanni hamaan waan itti ka'uuf, haada sibiilaatii fi sibiila lukaatiin hidhama'aa eeggamullee, hidhaa san kukkuta'aa, hunna ayyaana hama'aatiin gara lafa udume'ee oofama'aa ture. Yesuus, «Maqaan kee eennu?» jedhee gaafannaan, jinniiwwan hedduu waan itti galeeruuf, «Maqaan kiyya Leegewoon» jedhee deebise. Jinniiwwan sunniin akka inni gara qile'ee isaan hin ergine Yesuusiin kadhatan. Hulee san gobbuun booyye'ee guddaan ededa gaaraa irra dheeda'aa turan. Jinniiwwan sunniin akka inni booyyota sanitti galaa isaaniin jedhu kadhataniin. Innillee maarre itti galaa'a jedhe. Jinniiwwan sunniin namicha keessaa bayanii gobbuu booyye'eetitti galan. Gobbuunillee afaan qile'ee irraa gugatanii galaanatti badan. Worri booyyee tissu waan ta'e haga argan, dheessanii qacha'aa fi baadiyyaa keessatti odeessan. Namoonni bayanii waan ta'e san laalu'uuf hennaa gara Yesuusii dhufan namichi jinniin keessaa baye sun qalbiin deebiteefii uffata uffatee luka Yesuusii bira ka taa'eeru arganii isa sodaatan. Worri achitti isa argellee, attamitti akka namichi jinnii irraa fayye isaanitti himan. Baniin naannoo biyya Gergesenoon jiru maruu waan guddisanii sodaataniif, akka Yesuus isaan biraa lixu isa kadhatan. Inni yabala keessa seenee achii deeme. Namichi jinniin keessaa baye sun Yesuusiin, «Si woliin jiraadha» jedhee isa kadhate. Yesuus ammo, «Gara mana keetii deebi'ii waan Rabbi sii godhe himi» jedhee isa erge. Namichi waan guddaa Yesuus isaaf godhe hima'aa qachaa keessa deeme. Baniin maruu waan isa eega'aaraniif hennaa Yesuus deebi'e gammachu'uun isa simatan. Achiin maayessa bulchaan Iyyaa'iroos jedhamu tokko dhufe. Inni bulchaa ajajaa mana sagada Yihuudotaa ture. Inni wonti dhufeef intalti isaa takkattiin inni qabu, ta woggaa kudha lamaa guddiftee dhibamtee waan du'uu geetteef, dhufee luka Yesuusii jalatti kufee, akka inni mana isaa dhaqu kadhateen. Uduu inni dhaqu'uuf karaa irra jiru, gumiin gara maraan isa hucuuca'aa turan. Dubartii woggaa kudha lamaaf dhiinni isi'ii jigu takkatu ture. Waan qabdu maraa worra qorsa isi'ii kennutti fixattee ta eennullee isii fayyisuu hin dandeenne takkatu achi ture. Isiin isa duubaan dhuftee handaara uffata isaa tuxxe. Yoma san dhiinni isii keessaa jiga'aa ture sun cite. Yesuus, «Eentu na tuqee?» jedhee gaafate. Isaan «nu'uu miti» jedhanii waakkatan. Pheexroos, «Barsiisaa kiyya! gumiin maruu si hucuuceera; si dhiiba'aaralle'e» jedhe. Yesuus ammo, «Akka hunni fayyisu na keessaa baye waan beekuuf, namni tokko na tuqeera» isaaniin jedhe. Dubartiin sun akka dhokattee hafa'aa hin jirre argitee, hollata'aa dhuftee isa afo'otti gad kufte. Achiin maayessa maaf akka isa tuxxee fi yoma san attamitti akka fayyite gumii afo'otti itti himte. Inni, «Mucattii tiyya! amantiin kee si fayyiseeraa nagayaan deemi» jedheen. Uduma inni dubbata'aaru namni tokko bulchaa mana sagada Yihuudotaatitti dhufee, «Mucattiin tee duuteerti; kanaafuu barsiisaa hin dadhabsiisin» jedhe. Yesuus ammo dhagayee Iyyaa'iroosiin, «amani malee hin sodaatin hin fayyitii jedhee deebiseef. Hennaa gara manaa seenu Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannis abbaa mucatti'iitii fi haadha mucatti'ii malee, eennullee akka isa woliin hin seenne dhoogge. Namoonni maruu bade bade jedha'aa booya'aa turan. Inni ammo, «Hin rafteerti malee hin duunee hin booyinaa'a!» isaaniin jedhe. Akka duute beekanii guddisanii itti kolfan. Inni ammo harka isi'ii qabee, «Mucattii ka'i» jedhee guddisee dubbate. Lubbuun itti deebitee daddaftee yoosuu dhaabatte. Inni ammo «waan nyaattu kenna'aafii» jedhee isaan ajaje. Worri isi'iillee hin maalalan. Inni ammo waan ta'e kana eennuttillee akka hin himne isaan ajaje. Yesuus ergamtoota ufii kudha lamaanuu wolitti waamee, akka jinniiwwan maraa baasan, akka dhibeellee fayyisan hunnaa fi baallii isaanii kenne. Akka jeennata Rabbii lallabaniif, akka dhukkubsattoota fayyisan akkana jedhee isaan erge. «Ulee, korojoo, buddeenaa fi birriillee yoo ta'e hennaa imala deemtan womaa harkatti hin qabatinaa'a. Ka uffattan sanii achi waan biraa harkatti hin qabatinaa'a. Mana keessummummaa dhaxxan san haga gaafa achii baataniif achuma taa'aa'a. Eennullee yoo isin simachuu dhabaate, qachaa san keessaa hennaa baatan akka ragaa isaanitti ta'u daaraa luka keessanii hargufadhaa'a.» Isaanillee achii bayanii Dubbii Nagayaa lallaba'aa bakka maratti fayyisa'aa, qachaa maraa keessa deema'aa turan. Bulchaan kutaa arfeesso'oo Heroodis waan ta'e san maraa dhagayee, Innillee, namoonni gari gariin Yohaannisii cuupha'atu worra du'an keessaa ka'eera. Kuuwwan ammo Eeliyaasitu mudhate, kuuwwanillee Raattota duraa keessaa tokko ka'eera jedha'aa waan turaniif mame. Heroodisillee, «Yohaannis ka ani morma isaa mursiise. Namni ani amma waan isaa dhagayu kun eennu?» jedhee isa kana argu'uuf barbaada'aa ture. Ergamtoonni deebi'anii waan hojjatan maraa isatti himan. Innillee isaan qabatee qachaa Beetasaayidaa jedhamtu bira hojjuma ufii gara lafa udume'ee dhaqe. Gumiin akka inni Yesuusiin ta'e beekanii isa faanaa deeman. Inni isaan simatee waan jeennata Rabbii isaanitti hima'aa ture. Worra fayyuun isaan barbaachisullee hin fayyise. Hennaa lafti dhiitetti darasoonni kudha lamaa isatti dhiyaatanii, «Nu lafa udume'ee keessa waan jirruuf gara naannoo ganda baadiyyaa jiranii deemanii akka bulanii fi akka waan nyaatanillee argatan banii kana geegessi» jedhaniin. Inni ammo, «Isinuu waan nyaatan kenna'aaf» isaaniin jedhe. Isaan ammo, «Deemnee gumii kana maraafuu yoo waan nyaatan binne malee xoroshoo shanii fi qurxummii lamaa callaa qabna» jedhaniin. Gumiin haga namoota kuma shanii waan turaniif, darasootaan, «Kuta kuta'aan shantama shantama godha'aa gumii teessisaa'a» isaaniin jedhe. Isaanillee akkuma inni godhaa jedhe maraa teessisan. Innillee xoroshoo shanii fi qurxummii lamaanuu fuudhee gara sami'ii ol laalee eebbisee caccabsee gumi'iif akka kennan darasoota ufiititti kenne. Marti isaaniituu nyaatanii quufanii hambaa isaan irraa hafe xoroshoo masoobii kudha lamaa guutuu isaan jalaa fuudhan. Yesuus uduu hojja ufii faateffata'aaru, darasoota isa woliin turaniin, «Namoonni eennu naan jedhan?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee deebisanii, «Gariin Yohaannisii cuupha'a siin jedhan; gariin Eeliyaas siin jedhan; kuuwwan raattota durii keessaa tokkotu du'aa ka'eera siin jedhan» jedhaniin. Yesuus, «Isin hoo eennu naan jettan?» jedhee isaan gaafate. Pheexroos deebisee, «Ati Kiristoosii Rabbiiti» jedheen. Inni isaan maraanuu akkana jedhe, «Namni na faanaa dhufuu barbaadu yoo jiraate, uf irraa haa bayuu; guyya guyya'aan fannoo ufii baadhatee na faana haa deemuu. Namni lubbuu ufii fayyisuu fedhu maruu hin balleeffata. Namni naaf jedhee lubbuu ufii kennu maruu hin hambifata. Namni waan adunyaa tanaa maraa argatee, lubbuu ufii yoo balleeffate yookaan dhabe faayidaa maal argata? Namni anaa fi dubbii kiyyatti saalfatu maruu ilmi namaa hennaa ulfinna ufiitiin, ulfinna Abba'aatii fi ulfinna maleekkota woyyootaa woliin dhufu isatti saalfata. Ani dhugamaan isiniin jedha, namoota as dhaabata'aaran kanniin keessaa worri uduu hin duune jeennata Rabbii argatan hin jiran» isaaniin jedhe. Yesuus haga dubbii kana dubbateen maayessa guyyaa saddeetii turee Pheexroosiin, Yohaannisii fi Yaaqoobiin qabatee faateffachu'uuf gara gaaraa baye. Uduu inni faateffata'aaru bifti fuula isaa jijjiirame; uffanni isaallee calalaqee adii ta'e. Hennaa san namoonni lamaan, Muuse'ee fi Eeliyaas isa woliin dubbata'aa turan. Ulfinnaan mudhatanii, waan du'uu Isaatii fi waan Yerusaalemitti isa irratti ta'u dubbata'aa turan. Haa ta'uu ammo Pheexroosii fi worri isa woliin turan hirribni waan isaan qabeef rafa'aa turan. Hennaa dammaqan ammo ulfinna Yesuusiitii fi namoota lamaan isaan woliin dhaabata'aa turan sanniin argan. Akkuma namoonni sun isa biraa deemaniin Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisaa'a! Asitti argamuun keenna waan misha'a; daasee sadihii tokko siif, tokko Muuse'eef, tokko ammo Eeliyaasiif haa ijaarruu» isaan jedhe; Inni ammo woma dubbata'aaruu hin beeku ture. Uduu inni kana dubbata'aaru duumessi dhufee isaan golge. Haga duumessi isaan golge hin sodaatan. Duumessa keessaa laagaan, «Kun Ilma kiyya, ka Ani filadhe; isa dhagayaa'a!» jedhu dhagayame. Haga laagaan sun dhagayameen maayessa, Yesuus hojjuma ufii achitti argame. Isaan hin cadhisan. Hennaa san isaan waan argan eennuttillee hin himne. Haga lafti bariite gaara gubba'aa hennaa bu'an, banii heddutu isaan wol arge. Banii san keessaa namichi tokko laagaa ufii ol qabatee, «Barsiisaa'a! Ilmi kiyya tokkichi qabu hafuura hama'aan waan dhayameeruuf akka naa laaltu si kadhadha; Jinniin hoomacheessa'aa, kuffisee, gangalcha'aa, hollachiisa'aa rakkisaan. Darasoota teellee akka isa keessaa baasan kadhadhee ture, isaan ammo keessaa baasuu hin dandeenne» jedheen. Yesuus deebisee, «Isin worra hin amanne dhaloota dabaa; haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isinii obsa? Namichaan, «mee ilma kee as fidi» jedheen. Hennaa itti dhiyaate jinniin kuffisee dhidhiitachiise. Yesuus ammo ayyaana hamaa teedeffatee mucaa fayyisee abba'atti deebisee kenne. Isaan maruu guddinna hunna Rabbii maalalan. Isaan maruu waan Yesuus godhe uduu baaseffatan, Darasootaan, «Ilmi Namaa harka namaatitti dabarfamee waan kennamuuf isin kana gurra keessanitti qabadhaa'a» isaaniin jedhe. Isaan ammo waan kana hin hubanne. Hiikkaan isaan jalaa waan dhokateeruuf hubachuu hin dandeenne; Kanaaf isaan waan kana gaafachuu sodaatan. Isaan keessaa eentu eennuun akka caalu beeku'uuf jedhanii mormiin isaan jiddu'utti ka'e. Yesuus yaada garaa isaanii beekee, daa'ima tokko fuudhee qabee uf bira dhaabsisee, «Eennullee ka daa'ima kana maqaa kiyyaan simatu na simata. Ka na simatu maruu ka na erge simata. Ka isin maraa irraa gad aanu inni sun maraa caala» isaaniin jedhe. Yohaannis deebisee, «Barsiisaa'a, namichi tokko maqaa keetiin uduu jinnii baasu arginee, inni waan keenna hin taaneef dhooggineen» jedheen. Yesuus ammo, «Ka isiniin hin mormine isin woliin waan ta'eef isa hin dhoogginaa'a» isaaniin jedhe. Hennaan inni gara sami'ii ol fudhatamu waan dhiyaateef, gara Yerusaalemii deemu'uuf kutatee ka'e. Gara qachaa Samaariya'aa dhaqanii waan maraa akka isaa qopheessaniif worra dhaamsa geessan erge. Namoonni naannoo sanii ammo akka inni gara Yerusaalemii deema'aaru waan beekaniif isa simachuu didan. Darasoonni isaa Yaaqoobii fi Yohaannis hennaa waan kana argan, «Gooftaa'a, akkuma Eeliyaas godhe ibiddi sami'ii bu'ee akka isaan balleessu akka ajanyu maarre nuu jettaa?» jedhaniin. Inni ammo isaanitti gara galee isaan teedeffatee, «Isin Ayyaanni attamii akka isin irra jiru hin beettan; Ilmi Namaa lubbuu namaa fayyisu'uuf malee balleessu'uuf hin dhufne» jedhe. Achiin maayessa isaan achii ka'anii gara qachaa biraa deeman. Isaan uduu karaa irra deeman namichi tokko Yesuusiin, «Gara ati deemtu maraa si faana deema» jedhe. Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla; Simbirti samii irra barartullee maandhee qabdi; Ilmi Namaa ammo hulee mataa ufii itti irkifatuu hin qabu» jedheen. Nama biraatiinillee, «Na faana koottu» jedhe. Namni sun ammo, «Gooftaa'a, duraan dursee abbaa kiyya akka awwaalu na hoffolchi» jedhe. Yesuus deebisee, «Du'aan du'aa ufii haa awwaaluu; ati ammo deemii waan jeennata Rabbii lallabi» jedheen. Akkasuma namni biraallee, «Gooftaa kiyya! ani si faana deema; haa ta'uu ammo duraan dursee worra kiyyatti akka nagaya dhaamadhu na hoffolchi» jedhe. Yesuus ammo, «Eennullee ka dongoraa harkisa'aa harkatti qabatee uf duuba laalu jeennata Rabbiitiif hin malu» jedheen. Achiin maayessa Gooftaan namoota biraa torbaatamii lama muudee gara qacha'aa fi hulee ufii dhaqu'uuf ta'u maraa lama lama godhee isaan erge. Akkana isaaniin jedhe, «midhaan haamamu gudda'a worri haamu ammo diqqa'a. Kanaafuu abbaan midhaanii worra midhaan haamu akka gara maasa'aa ergu isa kadhadhaa'a. Deemaa, ani akka Hoolotaa Yayyii edduu isin erga. Korojoo, qaraciitii, kopheellee hin qabatinaa'a; eennuunillee kara'atti nagaya hin gaafatinaa'a. Hennaa mana tokko seentan duraan dursa'aatii, ‹Nageenni mana kanaaf haa ta'u› jedhaa'a. Namni nagaya keessan fudhatu yoo achi jiraate nageenni keessan nama saniif ta'a. Yoo fudhachuu baatan ammo nageenni keessan isinii deebi'a. Hojjataa tokkoo waan mindaan barbaachisuuf waan isaan isinii kennan maraa nyaata'aa dhuga'aa manuma san keessa taa'aa'a malee, mana tokkoo gara mana biraa hin deeminaa'a. Qachaa dhaxxan marattuu yoo isin simatan waan isaan isinii dhiyeessan nyaadhaa'a. Dhukkubsattoota achi jiran fayyisaa'a, ‹Jeennanni Rabbii gara keessan dhiyaatteerti› jedha'aanii. Haa ta'uu ammo qachaa dhaxxan maratti yoo isin simachuu dhabaatan gara baada'aa baya'aatii, ‹Daaraa qachaa keessanii luka keenna irraa hin dhadhayanna; haa ta'uu ammo jeennanni Rabbii gara keessan akka dhiyaatte beekaa'a!› jedhaa'a. Ani akkana isiniin jedha, guyyaa murti'ii qachaa san irra worra Soodoomiitii salphata. Kurraazii! si aanne'e! Beetasaayidaa si aanne'e! maalaleen isin keessatti ta'e uduu Xiroosii fi Siidoona'atti ta'ee jiraatee silaa uffata gufufaa uffatanii daaraa irra taa'anii duruu agii galan. Haa ta'uu ammo hennaan murti'ii, isin irra Xiroosii fi Sidoona'aa salphata. Atillee Qifirnaahoom haga sami'ii ol uf fuudhuu feetaa? garuu gara asaabaa buuta. «Ka isin dhagayu ana dhagaya; ka isin dide na dida; ka ana didellee ka na erge dida.» Namoonni torbaatamii lamaa gammachu'uun gara isaa deebi'anii, «Gooftaa keenna! maqaa keetiin jinniin nuuf ajajame» jedhaniin. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Seexanni akka bakakka'aatitti hennaa sami'ii gad bu'u arge. Bofaa fi buutii akka irra ijjattan hunna diina maraa irratti baallii isinii kenneera. Wonti isin miidhu womtuu hin jiru. Haa ta'uu ammo waan ayyaanni battiin isinii ajajameef hin gammadinaa'a; waan maqaan keessan sami'itti barreeffameef gammadaa'a.» Hennaa san Yesuus gammachuu Ayyaana Woyyu'uutiin guuttamee akkana jedhe, «Abbaa! Gooftaa ardi'ii fi sami'ii! kana ogeeyyi'ii fi beettota jalaa dhossitee daa'immaniif waan ibsiteef si galatoonfadha. Ee! Abbaa! fedhiin kee afoo keetitti akkana waan ta'eef. «Maruu abbaa kiyya irraa naa kennameera. Ilmillee eennuun akka ta'e Abbaa malee ka beeku hin jiru. Abbaan eennu akka ta'e ilmaa fi ka ilmi isaa ibsu'uuf fedhu malee ka beeku hin jiru» jedhe. Achiin maayessa gara darasoota ufii gara galee hojja isaaniititti, «Ijji waan isin argitan argitu ta eebbifamte. Akkana isiniin jedha, raattonninii fi mootoleen hedduu waan isin argitan argu'uuf, waan isin dhageettan dhagayu'uuf halchanii garuu argu'uu fi dhagayuu hin dandeenne» jedhee isaanitti hime. Beekaan seera Muuse'ee tokko waan Yesuus jedhu laalu'uuf ol ka'ee, «Barsiisaa'a! jiruu bara baraa argachu'uuf maal godhuu na barbaachisaa?» jedheen. Yesuus deebisee, «Wonti Seera Muuse'ee keessatti barreeffame maali'i? attamitti dubbiftee hiitta?» jedheen. Inni deebisee, «Waaqa Gooftaa kee qalbii kee guutu'uun, lubbuu tee guutu'uun, hunna kee guutu'uun, yaada kee guutu'uun jaaladhu, ‹Akkuma uf jaalattutti goshoo keellee jaaladhu› jedha» jedheen. Yesuusillee, «dhugaa deebifte, kana godhi lubbu'uun jiraattaa» jedheen. Inni ammo qajeelaa uf godhuu fedhee Yesuusiin, «Goshoon kiyya eennu inni» jedhee gaafateen. Yesuus deebisee akkana jedhe, «Namichi tokko Yerusaalemiin irraa gara Yaariko'oo bu'ee shiftootaan qabame. Isaan ammo uffata irraa mulqanii, tumanii, du'aa fi jireenna jiddu'utti isa dhiisanii deeman. Gadichi tokko dimmaa karaa saniin uduu deemu isa argee irraa goree lufe. Akkasuma namni gosa Leewwi'ii tokko gara hulee sanii dhufee hennaa namicha arge irraa goree lufe. Namichi Samaariya'aa tokko ammo deema'aa gara isaa dhufee, hennaa isa arge hin gaddeef. Itti dhiyaatee, madaa isaatitti sayiti'ii fi daadhii woyini'ii dibee hidheef; achiin maayessa harree ufii irra kaayee gara mana keessummaan bultuu isa geessee achitti gargaare. Bariisaa san saantibii lamaa baasee namicha mana keessumma'aa eegutti kennee, ‹Ittiin gargaari; hennaa karaa kana deebi'u kanaa olillee yoo baafte sii kennaa› jedheen. Achiin maayessa Yesuus, «Jara sadiin kana keessaa namicha shiftootaan miidhame saniif akka obboleessaatitti ka isa gargaare kamiin sitti fakkaata?» jedheen. Inni, «Namicha waan mishaa godheef san» jedhee deebise. Yesuus, «Atillee deemii akkasuma godhi» jedheen. Uduu deema'aaran Yesuus gara gandattii takkaa seenee, dubartiin Maartaa jedhamtu takka mana ufiititti isa simatte. Isiin obboleettii Maariyaam jedhamtu qabdi. Maariyaam ammo dubbii isaa dhagayu'uuf luka Yesuusii jala teette. Maartaan ammo waan hujiin itti guddateef jaatanooftee gara isaa dhiyaattee, «Gooftaa kiyya! obboleettiin tiyya na gargaaruu diddee yoo ani hojja kiyyatti hojjadhu garaa si nyaadhuu? kanaafuu akka na gargaartu itti himi» jetteen. Yesuus deebisee, «Maartaa! Maartaa! Ati waan hedduu yaada'aa dhiphatta, Wonti barbaachisu ammo waan diqqo'o; yookaan waan tokko. Maariyaam hiree mishaa filatteerti isii irraa hin fudhatamu» isi'iin jedhe. Gaaf tokko Yesuus hulee tokkotti faateffata'aa ture; Hennaa faatee fixe darasoota keessaa tokko, «Gooftaa keenna! Akka Yohaannis darasoota ufii barsiise akka Rabbiin kadhannu nu barsiisi» jedheen. Inni, «Hennaa Rabbiin kadhattan akkana jedhaa'a, ‹[Abbaa keenna ka samii jirtu] maqaan kee haa woyyoomu, jeennanni tee haa dhuftu, fedhiin kee akkuma samii irratti ta'e akkasuma lafa irrattillee haa ta'u. Nyaata nu barbaachisu guyyama guyya'aan nuu kenni! Akkuma nu worra nu yakkaniif dhiifne, yakka keennallee nuu dhiisi. [Hamaa jalaa nu baasi]› ataabe'etti nu hin galchin.» Inni akkana isaaniin jedhe, «Isin keessaa namni hiriyyaa qabu tokko halkan wodhakkaa gara hiriyyaa ufii san dhaqee, ‹Jaalalloo kiyya mee buddeena sadihii naa liqeessi, Hiriyyaan kiyya tokko ka imala deema'aaru natti gore; ani waan isaa kennu dhabee› yoo jedhe; Hiriyyaan isaa sun deebisee, ‹Amma balbala cufadheeraa na hin rakkisin ijoolleen tiyyallee na woliin rafteerti ka'ee sii kennuu hin danda'u› jedhaanii? Ani akkana isiniin jedha, jaalalloo waan ta'eef hennaa san ka'ee kennu'uufii yoo baatellee waan kadhatee dhiisuu dideef ka'ee waan inni barbaadu maraa kennaaf» jedhe. Anillee akkana isiniin jedha; kadhadhaa'a isinii kennamaa; barbaadaa'a hin argattanii; balbala dhadhayaa'a isin jalaa banamaa. Namni kadhatu maruu hin argata; Ka barbaadullee hin argata; ka balbala dhadhayuufillee jalaa banama. Isin keessaa ka abbaa ta'e, ilmi isaa yoo xoroshoo isa kadhate ka dhagaa kennuuf eennu? yoo inni Qurxummii kadhate ka bofa kennuuf eennu? Yookaan yoo inni kallee kadhate buutii kennaafii? Eegasuu isin hammeeyyii taatanii ijoollee teessaniif yoo kennaa mishaa kennuu ka beettan ta'e, abbaan keessan ka sami'ii worra Isa kadhataniif attamitti Ayyaana Woyyuu caalchisee isaanii hin kennineef ree? Gaaf tokko Yesuus nama jinniin dhayee dubbachuu dhoogge keessaa jinnii baasa'aa ture. Jinniin haga keessaa bayeen maayessa namichi duudaan sun dubbannaan baniin hin maalalfate. Haa ta'uu ammo isaan keessaa namoonni gari gariin, «Inni hunna Bi'elzebulii bulchaa jinni'iitiin jinnii baasa» jedhan. Kuuwwanillee isa ataabu'uuf samii irraa malkata akka isaanitti mudhisuu soqa'aa turan. Innillee yaada isaanii beekee «Mootummaan wol qoqqooddu maruu hin baddi; maatiin tokko yoo wol qoqqoode akkasuma hin diiggama. Maarre Seexanni wol mormee yoo gar gar uf fooye, mootummaan isaa attamiin dhaabatuu dandeetti? waan isin anaan, «Inni hunna Bi'el Zeebuuliitiin jinnii baasa jettaniif» jedhe. Ani yoo ka Bi'eel Zeebuuliin jinnii baasu ta'e ijoolleen teessan maqaa eennuutiin jinnii baasan? Kanaafuu isaan isin irratti hin murteessan. Ani ammo hunna Rabbiitiin yoo ka jinnii baasu ta'e, eegasuu jeennanni Rabbii gara keessan dhufteerti. Namni jabaan sibiilaa fi wontee qabatee, dallawa ufii yoo eege qabeenni isaa hin tuqamu. Ka isa caalu dhufee yoo isa injifate ammo waan inni itti amanatee ture wonte'ee fi woraana irraa fudhata, qabeenna isaallee irraa fudhata. Namni gara kiyya hin taane na morma. Namni na biratti wolitti hin qabanne hin bittinneessa. Ayyaanni hamaan hennaa nama keessaa baye, hulee hara itti baafatu soqa'aa gara lafa bisaan hin jirree dhaqa; yoo dhabe ammo, ‹Gara mana kiyya ka keessaa bayeetitti deebi'a› jedha. Hennaa deebi'u mana duwwaa ta'ee haxaayamee bareedee qophaaye argata. Achiin maayessa ayyaanni hamaan sun deemee worra isa irra hamaa ta'an ayyaanota hammeeyyii biraa torba ka isa caalaa hamaa ta'an qabatee deebi'ee itti gala. Haalli nama saniillee ka duraa caalaa badooma. Yesuus uduu kana dubbata'aaru, banii keessaa intalti takka laagaa ufii ol kaaftee, «Gadaamessi si baatee fi harmi ati hoote ka eebbifame» jetteen. Inni deebisee, «Worri dubbii Rabbii dhagayee ajajamu caalaa ka eebbifame!» jedhe. Hennaa gumiin hedduu wolitti qabame Yesuus akkana isaaniin jechuu jalqabe, «Dhaloonni kun dhaloota hama'a; isaan malkata gaafatan, malkata raatticha Yoonaasii malee malkanni biraa hin kennamuuf. Akkuma Yoonaas banii Nanawwe'eetii malkata ta'e; akkasuma ammo Ilmi namaa dhaloota kanaaf malkata ta'a. Mootittiin Azeeb dhaloota kana woliin kaatee isaanitti murteessiti. Isiin ogummaa Solomoonii dhagayu'uuf daangaa biyya lafaatii waan dhufteertuuf. Ka Solomooniin caalu kunoo as jira. Namoonni Nanawwe'ee dhaloota kana woliin ka'anii isatti murteessan. Lallaba Yoonaasiitiin waan aagii galaniiraniif kunoo ka Yoonaasiin caalu as jira. Ifaa ibsanii gombisoo jala hin kaayan. Hulee nama mana keessa jiru maraaf ifu baattuu ibsa'aa irra kaayan malee. Ifti nafa keetii ija; ijji tee yoo fayyaa taate, nafti kee maruu ifaa ta'a; ijji tee yoo dhibamtuu taate ammo nafti kee maruu dukkana ta'a. Kanaaf ifni si keessa jiru dukkana akka hin taane uf eeggadhu. Eegasuu nafti kee maruu ifaa ta'ee huleen takkallee yoo hin dukkanoofne akka waan ifaan tokko ifa ufii sii ibsa'aaruutitti nafti kee maruu ifaa ta'a. Yesuus uduu waan kana dubbata'aa jiru, Fariisichi tokko akka inni isa woliin hurbaata nyaatu gara mana ufii isa waame; innillee mana isaa dhaqee taa'e. Fariisichi sun akka inni nyaataan dura harka ufii hin dhiqanne argee maalaleen. Gooftaanillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Isin Fariisonni sabaree itti dhuddanii fi qorii itti nyaattan duuba isaa hin qulqulleessitan; keessi keessan ammo saamaa fi hammeennaan guuttameera. Isin worra gurraan hin dhageenne! Rabbiin gubbaa uume keessa hin uumnee? Isin garuu waan sabare'ee fi qorii keessa jiru hiyyeeyyi'iif kennaa'a. Yoo san wonti maruu isinii qulqullaayaa. Haa ta'uu ammo isin Fariisonni urgoo caarotaa fi ashaakiltii maraa irraa kurneessoo waan kaffaltaniif, murtii qajeela'aa fi jaalala Rabbii waan tuffattaniif isin hobbaas! Haa ta'uu ammo waan kaawwanillee uduu hin dhiifne kana godhu'utu isin barbaachisa. Isin Fariisota mana sagadaatitti barcumma kabajja'aa; gabaya'attillee akka nagaya isin gaafatan waan jaalattaniif isin hobbaas. Isin fakkeessitoota barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisonni, awwaala soodduu hin qabne ka namoonni uduu hin beekin irra deeman waan fakkaattaniif isinii aanne'e!» Beekaa seeraa keessaa tokko, «Barsiisaa'a! ati hennaa kana dubbattu bee nullee arrabsa'aartaa» jedheen. Yesuus deebisee, «Barsiisota Seera Muuse'ee isin aanne'e! Isin ba'aa ulfaataa rakkisaa dudda namootaatitti baachiftan; ufii ammo qubaanillee hin tuxxan. Awwaala raattotaa ka abboonni keessan ajjeesan waan hojjattaniif isinii aanne'e. Kanaafuu isin waanuma abbootiin keessan hojjatan san gargaara'aa dhugaa taasiftan. Isaan raattota ajjeesan, isin ammo awwaala isaanii midhaassitan. Sababaa kanaaf Rabbi ogummaa ufiitiin, «Ani raattotaa fi ergamtoota isaanitti erga. Namoonni sunillee isaan keessaa gari garii hin ajjeesan, kaawwan ammo hin ari'an» jedhe. Maarre dhaloonni kun dhiiga raattota maraa urga adunyaan uumamte irraa jalqabee dhangala'e maraafuu hin gaafatama. Kana jechuun, dhiiga Aabeelii irraa jalqabee haga dhiiga Zakkaariyaasii ka hulee ciinca'aatii fi mana woyyuu wodhakka'atti ajjeefame saniifillee hin gaafataman. Ee; Ani isiniin jedha, dhaloonni kun maruu hin gaafatama. Isin beettonni seeraa, furtuu balbala beekkumsaa waan fudhattaniif isin hobbaas! Ufii hin seenne, worra seenu'uuf ta'ullee hin dhooggitan. Hennaa san namoonni kuma heddutti laakkayaman haga wol irra dhaabatanitti uduu wol gayanii jiran Yesuus darasoota ufiitiin akkana jechuu jalqabe, «Duraan dursa'aatii raacitii Fariisotaa, jechuun uf tuulummaa isaanii irraa uf eegaa'a. Haa ta'uu ammo wonti golgame uduu hin mudhanne; wonti dhokatellee uduu hin beekkamne hafu hin jiru. Kanaafuu ka dukkana keessatti dubbattan maruu ifatti dhagayama, ka gola keessatti gurratti hasaaftan raasaa irratti lallabama. «Isin jaalalloota tiyya akkana isiniin jedha, worra isin ajjeesan san caalaa ammo worra womaa godhuu hin dandeenne hin sodaatinaa'a. Ani ammo waan sodaattan isinitti hima. Rabbii haga ajjeeseen maayessa gara asaabaa gatu'uuf baallii qabu sodaadhaa'a! Handariin shanii saantibii kudhanitti gurguramtii mii? Isaan keessaa tokkottiinillee Rabbiin afo'otti hin irraanfatamtu. Rifeensi mataa keessaniituu uduu hin hafin laakkayameera. Maarre handarii hedduu san waan caaltaniif hin sodaatinaa'a!» «Ani akkana isiniin jedha, ka nama afo'otti ragaa naa bayu maraafuu, Ilmi namaallee maleekkota Rabbii afo'otti ragaa bayaaf. Ka nama afo'otti na ganu, maleekkota Rabbii afo'otti hin ganama. Nama Ilma namaa arrabse maraafuu hin dhiifama. Ka Ayyaana Woyyuu arrabsee ammo hin dhiifamu. Hennaa gara mana sagada Yihuudotaa, gara ajajootaa fi bulchootaa isin harkisan, attamitti yookaan maal akka deebiftaniif hin yaadinaa'a. Ayyaanni Woyyuun hennama san waan dubbatuu qabdan isin barsiisa» jedhe. Gumii keessaa namni tokko Yesuusiin, «Barsiisaa'a! dhaala abbaa keennaa akka naaf qoodu obboleessa kiyyatti himi» jedheen. Yesuus deebisee, «Namicha nana! isin irratti murteessa'aa fi ka dhaalchisu akka ta'u eentu na muude?» jedheen. «Jireenni namaa guddinna qabeennaatiin waan hin taaneef uf eeggadhaa'a; dharraa maraa irraa uf eegaa'a!» isaaniin jedhe. Achiin maayessa Yesuus isaanitti mammaakee, «Qonni namicha dureessa tokkoo sanyiin isaa guddisee toleef. Inni ‹Midhaan kiyya bakka itti galfadhu dhabeeraa maal godhuu?› jedhee garaa ufii keessatti yaade. ‹Akkana godha› ‹Gootaraa kiyya diigee ka biraa ka caalu ijaara. Achitti eebba kiyyaa fi midhaan kiyyallee galfadha. Achiin maayii ufiin, ‹ati lubbuu tiyya eebba guddaa bara hedduuf sii gayu waan qabduuf hara baafadhu! nyaadhu! dhugi! gammadi› jedha. Rabbi ammo, ‹Ati ceem'aaleessa nana, halkan kana lubbuu tee si keessaa fuudhu'uuf soqa'aaranii, ka wolitti kuufatte kun ka eennuu ta'a?› jedheen. Namni qabeenna ufiif tuulatu ka Rabbiin biratti dureessa hin taane akka kana ta'a.» Kanaan maayessa Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Jireenna keessaniif maal nyaanna, yookaan nafa keessanitti maal uffanna jettanii hin yaadinaa'a. Jireenni nyaata irra, naftillee uffata waan caaluuf. Harraageyyii laalaa'a; hin facaafatan, hin haamatan, mi'a manaa yookaan gootaraa hin qaban. Rabbi ammo isaan hin nyaachisa. Isin hoo simbirran hin caaltanii? Isin keessaa yaaddayee hojjaa ufii irratti ka ciqilee takkattii eda'uu danda'u eennu? Eegasuu waan diqqoo tana ka hin dandeenne yoo taatan maaf waan biraatiif yaaddoftan? Abaaboon akkamitti akka guddatan laalaa'a. Hin dadhaban; jirbii hin fooyan. Haa ta'uu ammo Solomoonuu, uduu ulfinna san maraa qabu, kanniin keessaa akka tokkootitti hin uffanne. Rabbi ammo abaaboo raasa'aa mudhatu ka adha jiru ka boru gara ibiddaatitti gatamu marga raasa'aa akkana yoo ka uwwisu ta'e, isin worra amantii dhidhu'uu! Isin silaa attamitti kanniin caalaa isinitti hin uwwifne ree? «Isin, ‹Maal nyaanna? Maal dhunna?› jedha'aa hin yaaddayinaa'a. Kanniin maraa worri adunyaa irra jiran worri Yihuudota hin taane waan soqaniif Abbaan keessan ka samii jiru kun maruu akka isin barbaachisu hin beeka. Irra caalaa ammo jeennata Rabbii soqaa'a, kun maruu isinii eda'amaa.» Isin gumii diqqoo'o, abbaan keessan jeennata isinii kennu'uuf fedhii isaa mishaa waan ta'eef hin sodaatinaa'a. Qabeenna keessan gurgura'aatii worra hiyyeeyyi'ii kennaa'a. Hulee hattuun itti hin dhiyaannee fi bakka xiinxanaan hin balleessinetti qabeenna hin dhumanne ka sami'iititti korojoo hin moofnetti ufiif kaayadhaa'a. Hulee qabeenni keessan jiru yaanni keessanillee achuma waan jiraatuuf. Ammallee Yesuus akkana jedhe, «Isin mudhii keessan hidhadha'aatii huji'iif qophaayaa'a; worra ibsaan isaanii ifu ta'aa'a. Akkaataa kanaan hojjattoota gooftaan isaanii cidha fuudhaa fi heerumaatii galee hennaa balbala dhadhayu, akkuma inni balbala dhadhayeen isa jalaa banu'uuf qophaayanii isa eegan sanniin fakkaadhaa'a. Garboonni gooftaan isaanii hennaa dhufu uduu hojjatan arguun isaan worra eebbifame. Dhugamaan isiniin jedha, marxifatee isaan teessisee ufii dhaabatee isaan nyaachise. Hojjattoonni hennaa gooftaan isaanii halkan qixxee dhufee, isaanii dammaqaniiranii isaan argu sunniin worra eebbifame. Kana ammo beekaa'a; abbaan manaa sa'aatii hattuun itti dhuftu uduu beekee silaa hattuun mana isaa akka qottu itti hin dhiisu. Isin ammo Ilmi Namaa sa'aatii isin hin qaabannetti waan dhufuuf qophaaya'aa jiraadhaa'a.» Pheexroos, «Gooftaa kiyya! mammaaka kana nuuf moo yookaan maraafuu dubbata'aarta?» jedhee gaafateen. Gooftaan akkana jedhee deebiseef, «Eegasuu hojjataan amanamaa fi ogeessi, ka gooftaan isaa nyaata isaanii henna'aan akka kennuufiif jedhee gooftaan hojjattoota ufii irratti isa muudu eennu? Hojjataan hennaa gooftaan isaa deebi'ee dhufu uduu hojjatu arguun sun eebbifama'a. Ani dhugamaan isiniin jedha waan qabu maraa irratti isa muuda. Garuu yoo hojjataan sun yaada ufii keessatti, ‹Gooftaan kiyya dafee hin dhufu› jedhee yaadee nyaata'aa, dhuga'aa machaaya'aa, hojjattoota dhiiraatii fi dubartoota isa woliin hojjatan tumuu jalqabe, Gooftaan hojjataa sanii guyyaa inni hin eeggannee fi hennaa inni hin beennetti dhufa. Bakka lamatti isa baqqassa; hiree isaallee worra hin amanamne woliin taasisa. Hojjataan fedhii Gooftaa ufii beekee hin qophoofnee fi akka fedhii isaa ka hin goone sun guddisee tumama. Ka waan isa tumsiisu hin beenne ammo uduu hin beenne yoo hojjate diqqoo tumama. Nama wonti guddaan itti kenname irraa waan gudda'atu barbaadama; Ka yaboon guddaan itti kenname irraallee waan gudda'atu barbaadama» jedhe. «Ani lafa irratti ibidda buusu'uuf dhufeera Amumaa uduu daddafee naa qabatee attam natti tolaa! Haa ta'uu ammo cuuphaa cuuphamuu na baarbachisu tokkotu jira; haga inni raawwatamuuf akka malee dhiphadha. Isin waan ani lafa irratti nagaya fidu'uuf dhufe isinitti fakkaataa? Akkasii miti; gargar bayiinsa fidu'uuf dhufe malee. Amma irraa jalqabee mana tokko keessatti maatii shantu jiraata. Sadiin lama irratti, lamaan sadiin irratti ka'anii addaan fooyaman. Abbaan ilma ufii irratti, ilmi abbaa ufii irratti, haati intala ufii irratti, intalti haadha ufii irratti, soddaatiin intala ilmaa irratti, intalti ilmaallee soddaatii irratti ka'anii gargar bayan» jedhe. Yesuus banii saniin deebi'ee akkana jedhe, «Hennaa duumessi dhiyaa bayu yoo argitan yoma san, ‹Roobni hin rooba› jettan; akkasuma hin rooba. Bubbeen gara bita'aatii yoo bubbise, ‹Bona ta'a› jettan; akkasuma hin bona. Isin fakkeessitoota akkaataa qilleensa lafaatii fi sami'ii laaltanii beettan. Haa ta'uu ammo maaf hiikkaa bara kanaa himuu dadhabdan ree?» «Isin wonti qajeellumma'aan hin murteessineef maali'ii? Ka si himate woliin hennaa gara mana murti'ii deemtu, gara abbaa seeraa uduu si hin finne, abbaan seeraallee worra hidhutti dabarsee uduu si hin kennine, worri hidhullee akka si hin hiine karaa irra uduu jirtu ka si himateen wolitti araaramuu yaali siin jedha. Ani sitti himaa saantibiin tokkittiin uduu si irratti hin hafne haga kaffaltutti achii horomaa hin baatu.» Hennaa san namoonni gara Yesuusii dhufanii, «Namoonni Galiila'aa hennaa ciincaa dhiyeessan, Philaaxoos isaan ajjeesee dhiiga isaanii ciincaa isaan Rabbiif dhiyeessan woliin wolitti make» jedhanii Yesuusitti himan. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Namoota Galiila'aa kanniinitti wonti kun wonti isaan irra gayeef, namoota Galiila'aa maraa caalaa cubbamtoota waan ta'aniif isinitti fakkaataa? Wa'a! Ani isinitti hima akkasii miti; isin maruu cubbuu irraa deebitanii yoo aagii hin galle hin baddan. Namoota kudha saddeetii ka Saalihoomitti dalloofni dhaga'aa isaanitti jigee ajjeese sun namoota Yerusaalemiin keessa jiraatan caalaa cubbamtoota isinitti fakkaataa? Ani isinitti hima akkasii miti, isinillee cubbuu keessan irraa deebitanii yoo aagii hin galle isin maruu akkasuma baddan» isiniin jedha. Kanaan maayessa Yesuus akkana jedhee mammaaka kanaan isaanitti dubbate, «Nama ashaakiltii woyini'ii keessatti muka hurbu'uu dhaabate tokkotu jira; Sanyii irraa argadha jedhee laalu'uuf dhufe; garuu womaa irratti hin argine. Innillee hojjataa ashaakiltii woyini'iitiin, ‹Muka hurbu'uu tana irraa sanyii fudhachu'uuf woggaa sadihiif deddeebi'aa ture; haa ta'uu ammo womaa irraa hin arganne. Muri, maaf lafa balleessitii?› jedheen. Inni ammo deebisee, ‹gooftaa kiyya shuqunee dikee itti buusaa woggattii tanaaf dhiisi. Uf afoo yoo daraarteef misha'a; yoo hin taane ammo hin murta›» jedheen. Yesuus guyyaa Sambataa mana sagada Yihuudotaa tokkotti barsiisa'aa ture. Hennaa san dubartiin woggaa kudha saddeetiif ayyaana hama'aan qabamtee ta duddi isi'ii gad goge takkatu achi ture. Isiinillee waan gad goddeef ol qajeeltee deemuu hin dandeettu. Yesuusillee hennaa isii arge gara ufii isii waamee, «Dubartii nana, ati dhibee kee irraa fayyiteerta» jedheen. Innillee harka ufii isii irra kaayee, isiinillee yoma san ol jettee qajeeltee dhaabattee Rabbiin galatoonfatte. Bulchaan mana sagada Yihuudotaa ammo Yesuus Sambataan waan nama fayyiseef aaree akkana jedhe, «Guyyoonni hujiin itti hojjatamuu barbaachisu jahatu jira; Kanaaf guyyoota sanniinitti kootta'aa fayyaa malee, guyyaa Sambataatiin hin ta'u.» jedhe. Gooftaanillee deebisee, «Isin fakkeessitoota nana, isin keessaa gari gariin guyyaa Sambataatiin ka qotiyyoo yookaan harree urgee okaya nyaatuu hiikee bisaan obaasu'uuf hin finne eennu? Intalti tun Fiixaa Abrahaamii taatee woggaa kudha saddeetiif ta jinniin hidhe guyyaa Sambataatiin hidhaa kana keessaa hiikkamuun isii hin barbaachisuu ree?» jedheen. Hennaa inni waan kana dubbate worri morman maruu saalfatanii waan maalalee isaan jiddu'utti godhame maraaf baniin maruu hin gammade. Achiin maayessa Yesuus, «Jeennanni Rabbii maal fakkaatti? Ani maali'iin wol fakkeessa?» jedhee gaafate. «Jeennanni Rabbii gumaa heexo'oo ka namni fuudhee maasaa ufii keessatti dhaabe fakkaatti. Isiin guddattee muka guddaa taate; simbirroonni sami'iillee dhuftee damee isi'ii irratti maandhee ijaaratti» jedhe. Yesuus ammallee akkana jedhee gaafate, «Jeennata Rabbii maaliin wol fakkeessa? Raacitii dubartiin takka fuutee daakuu kooboo sadihiititti safartee haga bukaawutti wolitti matte fakkaatti» jedhe. Yesuus hennaa gara Yerusaalemii deemu qachootaa fi gandiin keessatti barsiisa'aa keessa lufa'aa ture. Namichi tokko, «Gooftaa kiyya, worri fayyan hago'oo mitii?» jedheen. Innillee akkana isaaniin jedhe, «Balbala dhipha'aan ol seenu'uuf tattaafadhaa'a; ani isinitti himaa, namoonni hedduu seenu'uuf tattaafatan. Haa ta'uu ammo seenuu hin dandeenne. Abbaan mana sanii haga balbala cufeen maayessa isin diida dhaabattanii, ‹Gooftaa! Gooftaa! nuu bani›! jedha'aa balbala dhaya'aa kadhattan. Inni garuu deebisee, ‹Eessaa akka dhuftan isin hin beeku› isaaniin jedha. «Isin ammo hennaa san, ‹Nu si woliin nyaannee dhunneerra; gumii keenna irrattillee nu barsiifteerta› jechuu jalqabdan. Inni garuu deebisee, ‹Ani isin hin beeku; eessaa akka dhuftan isin hin beeku; isin worri hamaa hojjattan maruu na irraa fagaadhaa'a› isiniin jedha. Hennaa Abrahaam, Yisaaq, Yaaqoobii fi raattota maraa jeennata Rabbii keessatti argitan isin ammo gara diidaa gatamtan; achitti booya'aa ilkaan qartan. Baya biiftu'uutii fi dhiya adu'uutii, kaabaa fi kibbaa namoonnillee hin dhufan. Jeennata Rabbii keessa taa'anii hurbaataa nyaatan. Worra maayessaa keessaa worri dura ta'an, worra duraa keessaallee ka maayessa ta'u hin jira.» Hennaa san Fariisota keessaa gariin gara Yesuusii dhufanii, «Heroodiis si ajjeesuu waan barbaaduuf asii bayii deemi» jedhaniin. Innillee akkana isaaniin jedhe, «Dhaqa'aatii jeedalattii saniin, ‹adhaa fi boru jinnii baasa; namoota dhukkubsatan hin fayyisa; guyyaa sadeesso'ootittillee hujii kiyya hin raawwadha› jedha'aanii. Haa ta'uu ammo, raattichi Yerusaalemiin alatti du'uun waan hin barbaachifneef adha, boru yookaan haga iftaaniititti hin deema» isaaniin jedhe. «Yerusaalem! Yerusaalem! Ati ammo ta raattota ajjeeftee, worra gara kee ergamanillee dhaga'aan tumtu! Akkuma lukkuun ilmoolee ufii koola ufii jalatti wolitti qabattu anillee ijoollee tee wolitti qabu'uuf hennaa meeqa barbaade! isin ammo hin diddan. Amma manni keessan ona ta'ee hafa. ‹Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame› haga jettanitti ammaa achi na hin argitan» jedhe. Guyyaa Sambataatiin Yesuus hurbaataa nyaachu'uuf gara mana bulchaa Fariisotaa keessaa gara mana nama tokkoo hennaa dhaqe; worri isa gaadu ijaan eega'aa turan. Hennaa san namichi garaan bokoke tokko isa afoo ture. Yesuus deebisee, «Guyyaa Sambataatiin nama fayyisuun eeyyamameera mo'o hin eeyyamamne?» jedhee barsiisota Seeraatii fi Fariisota gaafate. Isaan ammo hin cadhisan. Innillee namicha qabee fayyisee geegesse. «Isin keessaa namni harreen yookaan qotiyyoon isaa guyyaa Sambataatiin boollatti yoo jalaa bade ka hin baafne eennu?» isaaniin jedhe. Isaan ammo isaa deebii kennuu hin dandeenne. Inni worri waamaman hulee kabajja'aa akka filatan argee, mammaakaan akkana jedhee isaanitti hime. «Eennullee yoo cidha si waame hulee ulfinnaa hin taa'in. Maal laataa ka si caalaa kabajjamaa ta'e waan waamame jiruuf. Ka si'ii fi isallee waame dhufee, ‹Nama kanaa bakka gad dhiis› yoo siin jedhe, hennaa san ati saalfata'aa hulee san gad dhiiftee bakka gad aanaa teetta. Hennaa waamamte ka si waame ammo dhufee, ‹Jaalalloo kiyya! ol siiqi› akka siin jedhu ati ammo hulee gad aantu taa'i. Hennaa san worra si woliin taa'an san maraa afo'otti ulfinna sii ta'a. Ka ol uf qabu maruu hin salphata; Ka gad uf qabu ammo hin kabajjama.» Yesuus namicha isa waame saniin akkana jedhe, «Laaqana yookaan hurbaataa yoo qopheessite maal laataa harka naa deebisan jettee jaalalloota, Ilmaan haadhaa tee, aantota dureeyyii ollaa keetii hin waamin. Hennaa affeerrii goote ammo hiyyeeyyii, naafa, worra hokkoluu fi worra ijaan hin argine waami. Isaan waan jasaa deebisan hin qabneef hin eebbifamta; hennaa qajeellonni du'aa ka'anitti sii deebi'a.» Worra taa'an keessaa tokko kana dhagayee, «Jeennata Rabbiititti ka hurbaata nyaatu'uuf taa'u ka eebbifame!» jedheen. Inni ammo akkana jedhe, «Namichi tokko hurbaata guddaa qopheessee namoota hedduu waame. Worra sa'aatii hurbaata'aatitti waamamaniin, ‹Kunoo wonti maruu qophaayeera koottaa'a› jedhee akka waamuuf garbicha ufii erge. Isaan martinuu sababaa adda addaa himachuu jalqaban. Ka duraa, ‹Lafa bitadheera; deemee laalladhaa dhiifama akka naa gootu si kadha› jedheen. Ka biraa, ‹Qotilee morma shanii bitadheera; isaan leenjisu'uuf deemaa dhiifama akka naa gootu si kadha› jedheen. Ka biraallee, ‹Ani waan dhiyoo fuudheef idaayya'a, dhufuu hin danda'u› jedheen. Hojjataan isaa sunillee achii deebi'ee waan kana maraa Gooftaa ufiititti hime. Hennaa san abbaan cidhaa aaree hojjataa isaa saniin, ‹Dafii ariifadhuu gara karaa badha'aa fi xurre'ee bayi hiyyeeyyii, naafa, worra hokkoluu fi worra ijaan hin argine waami!› jedheen. Hojjataan sunillee, ‹Akka ati na ajajje godheera; ammallee huleen hin jirti!› jedheen. Gooftaanillee garbicha ufiitiin manni kiyya akka guutu, ‹Gara karaa badha'aa fi xurree baadiyya'atti baasuu bayiitii akka seenan godhi! Ani akkana isiniin jedha, worra waamaman sanniin keessaa namni tokkollee hurbaata kiyya afaaniinillee hin qabu!› jedhe» jedheen. Gumiin hedduu uduu isa woliin deema'aaru Yesuus gara isaanii garagalee akkana isaaniin jedhe, Eennullee ka gara kiyya dhufuu fedhu yoo jiraate abba'aa fi haadha ufii, haadha manaa, ijoollee, ilmaan haadhaa, intallan haadhaatii fi jiruu ufiillee uduu hin hafne yoo hin jibbine darasaa kiyya ta'uu hin danda'u. Eennullee fannoo ufii baadhatee yoo na faanaa hin deemne darasaa kiyya ta'uu hin danda'u. «Isin keessaa namni mana dhaga'aan ijaaruu barbaadu, duraan dursee waan hujii san ittiin raawwatu ka taa'ee gatii hin herrenne eennu? Yookaan ammo jalqabee fixuu yoo dadhabe namoonni argan maruu, ‹Ila kunoo! namichi kun ijaarsa jalqabee fixuu dadhabee› jedhanii itti baldan. «Yookaan mee mootiin tokko mootii biraatiin loluuf dhaqa haa jennuu; mootii loltoota kumaatama qabu tokko mootii loltoota kumaatamaan caalu qabu woliin lolu'uuf duulu tokko duraan dursee gad taa'ee ka hin mari'anne eennu? Yoo ka hin dandeenne ta'e ammo mooticha isaan lolu'uuf ta'u saniin fagoo uduu jiru namoota ufii itti ergee araara kadhata. Akkasuma eennullee isin keessaa qabeenna ufii maraa ka hin dhiifne darasaa kiyya ta'uu hin danda'u» jedhe. «Sooqqiddi waan misha'a; inni garuu yoo mi'aa uf keessaa hin qabaanne maali'iin mi'aaya ree? Faayidaa biraa hin qabu; lafaafillee kosii hin ta'u; gara raasa'aa gatama. Kanaafuu namni gurra dhagayu qabu haa dhagayuu!» jedhe. Gaaf tokko qaraxxoonninii fi cubbamtoonni maruu Yesuusiin dhagayu'uuf gara isaa dhufan. Fariisonninii fi Barsiisonni Seera Muuse'ee kana arganii, «Kun cubbamtoota simata; isaan woliin nyaata» jedhanii itti guunguman. Yesuus mammaakaan akkana jedhee isaanitti hime. «Isin keessaa namni hoolota dhibbaa qabu tokko sanniin keessaa hoolaan tokko yoo jalaa bade sagaltamii sagal raasa'atti dhiisee ka isa jalaa bade san haga arguuf barbaadu'uuf ka hin deemne eennu? Hennaa arge ammo gammadee gurmu'utti baadhata. Hennaa gara mana ufii gale jaalalloo ufiitii fi olloota ufii waamee, ‹Hoolaa tiyya ta badde waan argeef na woliin gammadaa'a!› jedha. Ani akkana isiniin jedha, akkasuma Woyyoota araarri isaan hin barbaachifne sagaltamii sagal irra cubbamaa aagii galu tokkoof sami'itti hin gammadan.» Yesuus itti aansee akkana jedhe, «Dubartiin birrii kudhanii qabdu takka kudhan san keessaa saantibiin tokko yoo jalaa badde ifaa ibsitee, mana ufii hartee haga argitutti midhaassitee hin sondhe eennu? Hennaa argite ammo jaalalloo ufiitii fi ollaa ufii waamtee, ‹Ani saantibii tiyya ta na jalaa badde waan argadheef na woliin gammadaa'a!› isaaniin jetti. Akkasuma cubbamaa aagii galu tokkoof sami'itti maleekkonni Rabbii hin gammadan.» Yesuus akkana jedhe, «Namichi tokko ijoollee lama qaba. Isaan keessaa maandhichi abba'aan ‹Abbaa kiyya! birrii kee keessaa qooda kiyya naa kenni› jedheen; inni birrii ufii isaanii qoode. Guyyaa hago'oon maayessa ilmi maandha'aa sun birrii wolitti qabatee gara biyya fago'oo deeme. Achiin maayessa birrii san hin fixe. Haga inni maraa fixeen maayessa biyya sanitti beelli jabaan waan galeef rakkatuu jalqabe. Kanaafuu deemee namoota biyya sanii keessaa tokkotti irkate. Namichi sunillee akka inni booyyee isaa tissuuf tikaaf erge. Achitti hansaraa booyyonni nyaatan nyaatu'uuf kajeela'aa ture. Garuu isuma sanuu ka kennuuf hin jiru. Inni haga qalbifatee yaanni galeef ‹mana abbaa kiyyaa garboonni buddeena nyaatanii isaan irraa hafu meeqa? Ani ammo asitti beelaan du'a. Ka'ee gara mana abbaa kiyyaa deemee, «Abbaa kiyyaan! ani Rabbii fi si afo'ottillee yakka hojjadheera. Ani ammaa achi akka ilma keetiititti hin laakkayamuu; hojjattoota kee keessaa akka hojjataa tokkootitti na laali jedhaan» jedhe. Inni ka'ee gara abbaa ufii deeme. Abbaanillee uduu inni fagoo jiru argeenii gaddeefii, fiigee itti maramee ammatee dhungate. Ilmillee ‹Abbaa kiyya! ani Rabbii fi si afo'ottillee cubbuu hojjadheera; ammaa achi ani ilma kee jedhamuun naaf hin malu› jedheen. Abbaan isaa garuu garboota ufiitiin akkana jedhe, ‹Ariifadha'aatii uffata uffata maraa caalu fida'aatii itti uwwisaa'a; quba isaatiif qubee; luka isaatiif kophee fida'aatii itti godhaa'a! Mirgoo coomaa fida'aa qalaa; haa nyaannuu; haa gammannuu. Ilmi kiyya kun du'ee ture, Amma ammo hin jira, badee ture amma ammo argameera› jedhe. Isaanillee hin gammadan. Hennaa san ilmi hangafaa qonna keessaa dhufee hennaa gara manaa dhiyaatu laagaa dibbe'eetii fi sirbaa dhagaye. Hennaa san hojjattoota keessaa nama tokko ufitti waamee, «Kun maali'i?» jedhee gaafate. Innillee, ‹Obboleessa keetituu deebi'ee gale; Abbaan kee waan inni nagayaa fi fayya'aan galeef, mirgoo coomaa qale› jedheen. Innillee aaree manatti galuu dide. Kanaaf abbaan isaa gad bayee kadhateen. Inni ammo deebisee abba'aan, ‹Ani woggaa haganaa akka garbichaatitti sii hojjadheera; waan ati naan jette keessaa womaa didee hin beeku; anaaf jaalalloota kiyya woliin akka gammadu ilmoo re'e'eellee naa hin kennine. Ilmi kee ka birrii ufii beera seebartuu woliin nyaatee fixe ammo hennaa gale mirgoo coomaa qalteef› jedheen. Inni ammo, ‹Ilma kiyya! ati hennaa maraa na woliin jirta wonti kiyya maruu keeti. Haa ta'uu ammo obboleessi kee kun du'ee ture; amma ammo jiraataa ta'eera; badee waan argameef guddifnee gammanna› jedheen.» Yesuus deebi'ee darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Dureessi woyii hojjataa isaa hojjatu tokko qaba ture; Hojjataan kun qabeenna nama dureessaa san akka ofoolleessu oduun isa bira gaye. Kanaafuu dureessi sun isa waamsisee, ‹Wonti kee ka ani si irratti dhagaya'aaru kun maali'i? Duranaaf hojjataa kiyya ta'uu ammaa achi waan hin dandeenneef galii herrega hujii keetii naa dhiyeessi› jedheen. Hojjataan sun garaa ufii keessatti, ‹Gooftaan kiyya hujii keessaa waan na baasuuf maal naa woyya? Lafa qotu'uuf hunna hin qabu; kadhachuullee hin saalfadha. Hennaa hujii tooyatu keessaa baye akka namoonni na simatan anuu waan godhu hin beeka› jedhe. Innillee worra liqaan goofta'aa irra jiru tokko tokkoon ufitti waamee, ka duraatiin, ‹Liqaan gooftaa kiyyaa hagamtu si irra jira?› jedhee isa gaafate. Innillee ‹sayitii ottee dhibbaatitu na irra jira› jedheen. ‹Galmee hoo'uu dafii taa'ii shantama jedhii mallatteessi› jedheen. Maayessa ka biraatiinillee, ‹Ati liqaa meeqatu si irra jira?› jedheen. Innillee, ‹Qamadii qalqala dhibba› jedheen. ‹Galmee kana hoo'uu qamadii qalqala saddeettama jedhii mallatteessi› jedheen. Gooftaan tooyataa hin amanamnee sun mala inni dhayate saniif hin jajeen. Namoonni adunyaa tanaa worra akka isaanii woliin hajaa isaanii guuttachuu irratti namoota Rabbii caalaa qaro'o. Yesuus akkana isaaniin jedhe, kanaafuu qabeenna dharaa ka akkanaa ka adunyaa kanaatiin fira baafadhaa'a. Kana yoo gootan hennaa horiin sun isin jalaa dhumee harka duwwaa haftan; firri keessan jiruu bara baraa keessatti isin simatan. «Namni waan diqqo'oon amanamaa ta'e akkasuma waan gudda'attillee amanamaa ta'a; namni waan diqqoo irratti hin amanamne, waan gudda'attillee hin amanamu. Eegasuu isin birrii biyya lafaa ka sobaa irratti yoo hin amanamne, birrii dhuga'aa eentu yaboo isinitti kenna ree? Birrii nama biraatiin yoo hin amanamne, birrii isiniif ta'u eentu isinii kenna ree? «Garbichi tokkochi gooftaa lamaa ta'uu hin danda'u; tokko jibbee kaan jaalata; yookaan gara tokkoo siiqee, kaan irraa fagaata. Rabbii fi horii qixa jaalachuu hin dandeettan.» Fariisonni worri horii jaalatan waan kana maraa dhagayanii itti baldan. Inni akkana isaaniin jedhe, «Isin namoota afo'otti balchaa uf gootan. Haa ta'uu ammo Rabbi waan garaa keessan keessa jiru hin beeka. Ka nama biratti kabajjame, Rabbiin biratti battii waan ta'eef. Seerrinii fi raattonni haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti hojjata'aa turan. Hennaa san irraa jalqabee Dubbiin Nagayaa ka jeennata Rabbii lallabameera; namni maruu gara jeennataa galu'uuf jabaatanii tattaafatan. Haa ta'uu ammo seera irraa qabxiin tokkottiin gatamuu irra, sami'ii fi ardiin badu'utu salpha'a. Ka haadha manaa hiikee ta biraa fuudhu maruu hin seebara. Namni dubartii abbaa manaa jalaa baate fuudhullee hin seebara. Namicha dureessa uffata diima'aa fi uffata haphii fuuttaa irraa hojjatame uffate tokkotu ture. Hennaa maraa qananii keessa jiraata. Karaa balbala mana isaa afoo hiyyeessa Alaazaar jedhamu ka nafti isaa marti mammadaayee ciccite tokkotu ture. Inni hambaa nyaata dureessa sanii nyaatu'uuf kajeela. Sariin dhaxxee madaa isaa arraabdi. Namichi hiyyeessi sun hin du'e; maleekkonni Rabbii Abrahaamiin bira fidan. Dureessi sunillee du'ee awwaalame. Uduu inni asaaba keessatti rakkata'aaru ol midhatee Abrahaamiin fago'ootti argee, Alaazaariinillee Abrahaamiin biratti arge. Inni laagaa ufii ol qabatee iyyee, ‹Abbaa kiyya Abrahaam! naa araarami! Ani amma ibidda kana keessatti gubadhee waan rakkata'aaruuf, Alaazaar akka qubaan bisaan tuqee arraba kiyya naa qabbaneessuuf yabo'oo naa ergi› jedheen. Abrahaam ammo akkana jedhee deebise, ‹Ilma kiyya! ati bara jireenna keetii akka waan mishaa argatte qaabadhu; Alaazaar ammo akka rakkata'aa ture yaadi. Amma ammo asitti isaa toleera, ati ammo rakkata'aarta. Waan kana maraa keessatti worri asii achi gara keessan lufuu barbaadan akka hin dandeenne; worri achi jiranillee gara keenna akka hin ceene nu'uu fi isin jidduu qilee gudda'atu jira› jedhe. Dureessichillee akkana jedhee deebiseef, ‹eegasuu Abbaa! gara mana abbaa kiyyaa Alaazariin akka naa ergitu si kadhadha. Ani obboleeyyan shan waan qabuuf, isaan ammo gara hulee ani itti rakkata'aaruu kana akka hin dhufne inni dhaqee isaan haa seeruu› jedhe. Abrahaam ammo, ‹Isaan Muuse'ee fi raattota waan qabaniif, isaanuma haa dhagayanii› jedheen. Achiin maayessa namichi dureessi, ‹Waa! abbaa kiyya Abrahaam, namni tokko du'aa ka'ee uduu dhaqee isaanitti himee garuu cubbuu ufii irraa hin deebi'an› jedhe. Abrahaam ammo, ‹Isaan Muuse'ee fi raattota yoo hin dhageenne, yoo namni tokko worra du'an keessaa ka'ellee hin amanan› » jedhe. Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Wonti nama gufachiisu tokko dhufuu hin oolu; haa ta'uu ammo nama waan nama gufachiisu fidu sanii hobbaas! Worra didiqqaa kanniin keessaa tokko gufachiisu'uu mannaa dhagaan daaku'uu morma isaatitti hidhamee galaanatti gatamuu isaa woyya. Maarre isin uf eeggadhaa'a; obboleessi kee yoo si yakke, jabeessii gorsi yoo gaabbee cubbuu ufii irraa deebi'e dhiifama godhiif. Inni guyyaa keessa hennaa torba yoo si yakke, guyya'atti hennaa torba deebi'ee gara kee dhufee, ‹Gaabbee yoo dhiifama si gaafate› dhiisiif.» Ergamtoonni Goofta'aan, «Amantii nuu eda'i» jedhaniin. Gooftaan akkana isaaniin jedhe, «Amantii diqqoo haga gumaa heexo'oo geettu uduu qabaattanii odaa kanaan, ‹Buqqa'ii gara galaanaatitti darbam› yoo jettan silaa isinii ajajama.» «Isin keessaa namni tokko garbicha lafa qotu yookaan ka horii tissu qabaatee inni hennaa qonnaa deebi'u, ‹Koottuu as taa'ii hurbaata nyaadhu!› eentu jedhaan? Garbicha saniin, ‹Nyaata naaf qopheessi, haga ani nyaadhee dhugee ka'utti marxifadhuu na tajaajili; achiin maayessa atillee nyaattee dhuddaa› jedhaanii mii? Garbichi sun ajaja kana waan raawwateef hin jajataanii? Maarre isinillee akkasuma hennaa waan ajajamtan maraa gootan, ‹Nu garboota bu'aa hin qabne; woma hojjachuu nu barbaachisu hojjanne› jedhaa'a!» isaaniin jedhe. Yesuus hennaa gara Yerusaalemii deemu, Galiila'aa fi Samaariyaa jidduu lufe. Hennaa inni gara ganda tokkoo seene, namoonni kudhanii ka dhibee gogaa kukkutuun qabaman Yesuusiin wolitti dhufan. Laagaa ufii ol qabatanii yabo'oo, «Gooftaa Yesuus garaa nuu laafi!» jedhaniin. Yesuus hennaa isaan arge, «Dhaqa'aatii gadootatti uf mudhisaa'a!» isaaniin jedhe. Isaanillee achi uduu dhaqa'aaran fayyan. Isaan keessaa tokko akka fayye hennaa arge, laagaa gudda'aan Rabbiin galatoonfata'aa deebi'ee dhufee, kallacha ufiitiin luka Yesuusii irratti kufee isa galatoonfate. Inni sun nama biyya Samaariya'aati. Yesuus akkana jedhee gaafate, «Namoonni kudhanuu dhibee gogaa kukkutu irraa qulqullaayaniiranii mii? namoonni sagalii meeti ree? Nama Yihuudii hin taane ka gosa addaa kana malee ka Rabbiin galatoonfatu'uuf deebi'e tokkollee hin jiruu?» jedhe. Inni isaan akkana jedhe, «Amantiin kee si fayyiseeraa ka'ii deemi» Fariisonni «Jeennanni Rabbii yoom dhufti» jedhanii hennaa isa gaafatan. Inni deebisee, «Jeennanni Rabbii akka namni eeguun hin dhuftu. Eennullee, ‹Ila, as jirti!› yookaan, ‹Achi jirti!› hin jedhu; sababaan jeennanni Rabbii isin jidduu jirti» jedhe. Achiin maayessa inni darasoota ufiitiin, «Hennaan isin guyyaa Ilma Namaa tokko argu'uuf hawwitan hin dhufa; isin garuu hin argitan. Isaanillee, ‹Kuunno achi jirti!› yookaan ‹Kunoo asi jirti!› isiniin jedhan. Isin ammo hin dhaqinaa'a; faanallee hin deeminaa'a! Akkuma hangaasuun sami'ii gaditti falaqqisee daanga'aa haga daanga'aa ifuutitti, Dhufti Ilmi namaa guyyaa sanitti akkasuma ta'a. Inni ammo duraan dursee akka malee rakkatee dhaloota kanaan tuffatamuu barbaachisa. «Akkuma bara Nohii ta'e san barri Ilma Namaallee akkasuma ta'a. Haga guyyaa Nohi markaba seenuutitti namoonni nyaata'aa, dhuga'aa, fuudha'aa heeruma'aa turan. Bisaan badi'ii dhufee maraa balleesse. Akkuma bara Looxii ta'e nyaata'aa, dhuga'aa, bitata'aa gurgura'aa, midhaan facaafata'aa, manallee ijaarata'aa turan. Gaafa Looxi Soodoomii baye ammo samii irraa ibiddi dhaga'aa ka bobayutu roobee isaan maraa balleesse. Guyyaa Ilmi Namaa dhufullee akkasuma ta'a. «Guyyaa san namni gamoo gubbaa jiru mi'a ufii ka mana keessa jiru fudhachu'uuf gad hin bu'in. Akkasuma namni qonna keessa jiru gara mana ufii hin deebi'in. Haadha manaa Looxii qaabadhaa'a! Namni lubbuu ufii oolfatuu fedhu maruu hin balleeffata; namni lubbuu ufii balleessu maruu hin oolfata. Ani isinitti himaa halkan san namoonni lamaan itillee takkattii irra rafan; isaan keessaa tokkochi hin fudhatama; ka lammeesso'oo ammo hin hafa. Dubartoonni lamaan bakka tokkotti midhaan daakan; takkattiin hin fudhatamti; ta lammeesso'oo ammo hin hafti. [Namoonni lamaa qonna keessa taa'an; tokko hin fudhatama, ka lammeesso'oo ammo hin hafa]» Isaan deebisanii, «Gooftaa keenna! Garamitti?» jedhanii isa gaafatan. Inni akkana jedhee isaanii deebise, «Bakka randhi jirutti rumichi wol gaya.» Yesuus isaan uduu hin hifanne hennaa maraa akka Rabbiin kadhatan akkana jedhee mammaakaan isaanitti hime. Qachaa takka keessa «Abbaan seeraa ka Rabbiin hin sodaanne, ka namallee hin kabajjine tokkotu jira. Qachaa san keessa haadha hiyyeessaa takkatu jira. Isiin gara isaa dhuftee, ‹Falmii kiyya ka namaan wol himanne san naa murteessi› jedha'aa turte. Isiin guyyaa hedduu isatti deddeebitee inni ammo murtee isi'ii kennuu hin barbaanne. Achiin maayessa ammo inni yaada ufii keessatti, ‹Rabbiinillee yoo hin sodaanne, namallee yoo hin saalfanne, Haati hiyyeessaa tun waan na dadhabsiiftuuf hennaa maraa dhufa'aa akka na hin rakkifne hin murteessaaf› » jedhe. Gooftaan akkana jedhe, «Eegasuu waan abbaan seeraa hamaan sun jedhe dhagayaa'a! Rabbi ammo worra isaaf filataman ka halkanii fi guyyaa gara isaa iyyaniif murtii qajeelaa hin murteessuufii ree? Ani isinitti hima, inni dafee murteessaaf. Haa ta'uu ammo, Ilmi Namaa hennaa dhufu amantii lafa irratti argaa laata?» jedhe. Yesuus namoota qajeellummaa ufiititti amananii, kaawwan ammo guddisanii worra tuffataniin akkana jedhee mammaakaan kana itti hime. «Namoonni lamaan Rabbiin kadhachu'uuf gara mana woyyu'uu dhaqan. Isaan keessaa tokko Fariisicha; kuun ammo ka qaraxa guuru. Fariisichi ka'ee dhaabatee waan yaada garaa ufii akkana jedhee Rabbiin kadhate. ‹Rabbii kiyya! ani akka namoota kaawwanii akka worra saamtotaa, hamootaa, worra seebaru, yookaan akka namicha qaraxa guuruu kana waan hin taaneef si galatoonfadha. Torbaan keessatti guyyaa lama sooma; waan argadhu maraa irraa kudhan keessaa tokko kennaa kenna› jedhe. Namichi qaraxa guuru sun ammo fagoo dhaabatee ija ufiitiin gara sami'ii ol laaluu sodaatee, ‹Waaqa kiyya! Ani nama cubbama'aa naa araarami!› jedhee laphee ufii dhaya'aa ture. Ani akkana isiniin jedha. Namicha fariisicha san irra namichi qaraxa guuru sun Rabbiin afo'otti balchaa ta'ee gara mana ufii deebi'e, namni ol uf qabu maruu hin salphata. Namni uf salphisu ammo hin kabajjama.» Namoonnillee akka inni harka ufiitiin qaqqabee isaan eebbisuuf daa'imman gara Yesuusii fidan. Darasoonni isaa ammo waan kana arganii xixanii isaan dhooggan. Yesuus ammo daa'imman gara ufii waamee, «dhiisaa hin dhoogginaa, daa'imman gara kiyya haa dhufanii, Jeennanni Rabbii worra akkanaa kanniiniif waan ta'eef. Ani dhugamaan isiniin jedha, eennullee ka jeennata Rabbii akka daa'imaatitti hin fudhanne maruu sirimaa hin galu» jedhe. Bulchoota keessaa tokko, «Barsiisaa arjaa'a! jireenna bara baraa argatu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» jedhee isa gaafate. Yesuus, «Maaf arjaa naan jetta? Rabbii tokkicha malee namni arjaan tokkollee hin jiru. Ati seerran, ‹Hin seebarin, hin ajjeesin, hin hatin, sobaan hin ragin, Abba'aa fi haadha kee kabajji!› jedhu hin beetta» jedhe. Namichillee deebisee, «Ani waan kana maraa ijoollummaa kiyya irraa jalqabee eegeera» jedhe. Yesuus waan kana dhagayee, «Ammallee waan tokkotu si hafa. Waan qabdu maraa gurguriitii hiyyeeyyi'ii kenni; Sami'itti hin duroomtaa; koottuu na faana deemi!» jedhe. Inni ammo haga kana dhagayeen maayessa dureessa waan ta'eef guddisee gadde. Yesuus akka inni guddisee gadde argee, akkana jedhe, «Worra dureeyyi'iif jeennata Rabbii galuun attamitti rakkisa'a! Dureessi jeennata Rabbii galuu irra, gaalli qaalawa limmo'oo keessa hulluuqu'utu irra salpha'a» jedheen. Worri waan kana dhagayan, «Eegasuu eentu ooluu danda'a ree?» jedhan. Inni ammo, «Wonti namaaf hin danda'amne Rabbiif hin danda'ama» jedhe. Pheexroosillee, «Kunoo, nu waan maraa dhiifnee si faana deemneerra» jedheen. Innillee, «Ani dhugamaan isiniin jedha, namni waan jeennata Rabbiitiif jedhee ka mana ufii, maatii ufii, obboleeyyan ufii, haadhaa fi abbaa yookaan ijoollee ufii dhiise, Bara kanaa fi adunyaa dhuftutti eennullee ka dachaa hin arganne hin jiru» isaaniin jedhe. Yesuus darasoota kudha lamaanuu gara ufii waamee, akkana isaaniin jedhe, «Amma gara Yerusaalemii deemna; wonti Ilma Namaa ka raattotaan barreeffame maruu hin raawwatama. Ilma Namaa worra Yihuudota hin taaneef dabarsanii hin kennaniin, isaanillee itti baldan; asii fi achi daddarba'aa itti tufan. Haga isa dhaananiin maayessa hin ajjeesan; guyyaa sadeesso'ootitti hin ka'a» isaaniin jedhe. Isaan ammo waan kana maraa keessaa tokkollee hin hubanne. Hiikkaan dubbii sanii waan isaan jalaa dhokatee tureef wonti inni dubbate sun isaanii hin galle. Yesuus hennaa gara Iyyaariko'oo dhiyaate namichi ijaan hin argine tokko karaa irra taa'ee kadhata'aa ture. Inni akka namoonni baay'een karaa san irra lufa'aaran dhagayee, «wonti kun maal?» jedhee gaafate. Isaanillee, «Yesuusii Naazireeti'iititu karaa kana lufa'aara» jedhanii itti himan. Inni, «Yesuus! Ilma Daawitii na maari!» jedha'aa iyye. Worri afo'otti deemaa turan akka inni cadhisu xixaniin. Inni ammo, «Ilma Daawitii na fayyisi!» jedha'aa guddisee iyye. Yesuusillee dhaabatee namicha ijaan hin argine gara isaa akka fidan ajaje. Hennaa gara isaa dhiyaate, Yesuus, «Maal akka sii godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Innillee deebisee, «Gooftaa kiyya! arguu barbaada» jedhe. Yesuus deebisee, «Argi! amantiin kee si fayyiseeraa» jedheen. Ijji isaa yoosuu argitee namichi Rabbiin galatoonfata'aa Yesuusiin faanaa deeme. Gumiin sun maruu haga waan kana argan Rabbiin galatoonfatan. Inni Yesuus nama attamii akka ta'e arguu barbaade, Haa ta'uu ammo nama gabaabaa waan ta'eef, sababaa baay'inna namootaatiif Yesuusiin arguu hin dandeenne. Yesuus waan karaa san irra lufa'aa jiruuf isa argu'uuf jedhee gara afo'oo fiigee odaa tokko kore. Yesuus haga hulee san gaye ol jedhee laalee argee, «Zakkewoos! adha mana kee ooluu waan barbaaduuf dafii gad bu'i» jedheen. Innillee daddafee bu'ee gammachu'uun isa simate. Namoonni achi turan kana arganii, «Namichi kun mana nama cubbama'aatitti affeeramu'uuf seenee?» jedhanii guunguman. Zakkewoos ammo dhaabatee Goofta'aan, «Gooftaa kiyya! Ani waan qabu maraa irraa wadhakkaa hiyyeeyyi'iif kenna, eennuun irraallee dharaan sobee waan tokko yoo fudhadhee jiraadhe dachaa afur deebisaaf» jedhe. Yesuus ammo, «Innillee waan ilma Abrahaamii ta'eef, adha mana kanaaf fayyinni ta'eera. Ilmi Namaa worra bade soqee fayyisu'uuf dhufeera» jedheen. Uduu isaan kana dhagaya'aaran Yesuus Yerusaalemitti waan dhiyaateeruuf, sababa namoonni jeennanni Rabbii ammuma waan gaye waan isaanitti fakkaateef mammaaka akkana jedhee isaanitti mammaake. Namichi fiixaa mooti'ii tokko muudamee mootii ta'ee deebi'uuf biyya fagoo dhaqe. Namichi sun hojjattoota ufii keessaa nama kudhanii waamee, ‹Haga ani deebi'ee dhufuuf ittiin daldalaa'a› jedhee saantibii worqi'ii kudhan isaanitti kenne. Worri biyyaa ammo waan isa jibbaniif, ‹Kun akka nu irratti mooyu hin jaalannu› jedhanii worra dhaamsa isatti himu isa faanaa ergan. «Inni mootii ta'ee deebi'ee haga dhufeen maayessa hojjattoota saantibii worqi'ii itti kenne sanniiniin daldalatanii bu'aa hagamii akka argatan beeku'uuf waamsise. Namichi duraa dhufee, ‹Gooftaa'a! saantibii worqi'ii ta ati natti kenniteen kudhan bu'aa buuse› jedheen. Inni, ‹Ati hojjataa misha'a; waan diqqoo irratti waan amanamteef, qachoota kudhanii irratti baallii siif kenneera› jedheen. Ka lammeesso'oollee, ‹Gooftaa'a! saantibii worqi'ii ta ati natti kenniteen shan bu'aa buufadheera› jedheen. Kanaanillee akkasuma, ‹Atillee qachaa shanii irratti baallii siif kenneera› jedheen. Ka biraallee dhufee, ‹Gooftaa'a! saantibii worqi'ii tee xaaqa'aan maree si sodaadhee siin eege. Waan ati nama garaa jabaatu taateef, ati waan namatti hin kennine nama irraa fudhatta. Waan hin facaafne haamattaa hoo'u!› jedheen. Ati bada, ‹Hojjataa hamaa'a; dubbima keetiin sitti murteessa. Ani akka nama badaa uduu hin kennine gaafadhu; uduu hin facaasin haamadhu akka ta'e eega beette, Birrii kiyya worra dhalaan liqeeffatanitti maaf naa hin kennine ree? Silaa hennaa deebi'e birrii kiyya dhala woliin fudhadha› jedheen. Gooftichillee worra achi dhaabataniin, ‹Saantibii san fuudha'aatii ka saantibii kudhanii qabu sanii kennaa'a!› isaaniin jedhe. Isaanillee, ‹Gooftaa'a! inni birrii kudhan qaba!› jedhaniin. Mootichi deebisee, ‹Ani isinitti hima, nama qabuuf maruu itti eda'amaaf; ka hin qabnee ammo ka qabu sunuu irraa fudhatama. Diintota kiyya ka akka ani isaan irratti mootii ta'uu hin barbaanne kanniin, as afoo kiyyatti fida'aatii gogoorra'aa'a!› » jedhe. Yesuus haga kana dubbateen maayessa isaan firrisee gara Yerusaalemii ol baye. Hennaa gara hulee gaara ejersaa jedhamtutti gara Beeta faagee fi gara Biitaaniya'aa dhiyaate darasoota ufii keessaa lamaan ergee, «Gara ganda afoo keessan jiranii san dhaqaa'a; ganda san keessatti ilmoo harre'ee ka haga ammaa eennulle hin yaabbanne ka hidhameeru achitti argitanii hiika'aa naa fidaa'a. Eennullee, ‹Maaf hiittan?› jedhee yoo isin gaafate, ‹Goofta'atu barbaada› jedha'aan» isaaniin jedhe. Worri ergamanillee deemanii akkuma inni isaaniin jedhe argan. Isaan hennaa ilmoo harre'ee hiikan worri harree sanii, «Maaf hiittan?» isaaniin jedhan. Isaanillee, «Goofta'atu barbaada» jedhan. Ilmoo harre'ee san gara Yesuusii fidanii uffata ufii irra kaayanii Yesuusiin yaabbisan. Hennaa inni deemu uffata ufii karaa irratti afa'aa turan. Hennaa goodda gaara ejersaa irraan gad dhiyaate darasoonni maruu maalalee waan arganiif gammada'aa laagaa gudda'aan, «Mootiin maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame! Sami'ittillee nagaya, gammachu'uu fi ulfinna!» jedha'aa Rabbiin galatoonfatan. Gumii keessaa Fariisonni gari gariin, «Barsiisaa'a! darasoota kee teedefadhu» jedhaniin. Innillee deebisee, «Ani isinitti hima, yoma kunniinillee cadhisan, dhagaan kunniin hin iyya» isaaniin jedhe. Yesuus hennaa Yerusaalemitti dhiyaate qachaa san argee akkana jedhee booyeef. «Uduu atummaan waan nagaya adhaaf sii ta'u beettee misha'a! Amma ammo kun ija kee afo'oo dhokateera. Hennaan diintonni kee dallawa sitti ijaaranii si marsan waan dhufuuf karaa maraanuu si dhiphisan. Si'ii fi ijoollee tee ta si keessa jiraatan gad darban; dhagaa dhagaa irra jirullee si keessatti hin dhiisan; ati waan bara Rabbi si fayyisu'uuf dhufe hin beenneef.» Yesuus gara mana woyyu'uu seenee worra waa gurguratanii fi waa bitatan baasuu jalqabe. «‹Manni kiyya mana keessatti Rabbiin kadhatan ta'a› jedhamee barreeffameera, isin ammo goda saamtotaa gootan» isaaniin jedhe. Guyya guyya'aan mana woyyuu keessatti barsiisa'aa ture. Haa ta'uu ammo bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee isa ajjeesu'uuf soqa'aa turan. Ta'ullee namoonni maruu yaada tokkoon waan inni dubbatu waan caqasa'aa turaniif isaan karaa isa ajjeesaniin hin arganne. Guyyaa tokko Yesuus gumii mana woyyuu keessatti barsiisa'aa, Dubbii Nagayaa uduu lallabu bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee manguddoota woliin gara isaa dhufanii, «Mee ati baallii maali'iitiin kana akka gootu yookaan baallii kana eentu akka sii kenne nutti himi!» Jedhanii isa gaafatan. Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Misha'a, anillee ammo waan tokko isin gaafadha. Isinillee natti himaa'a! cuuphaan Yohaannisii Rabbiin irraa mo'o nama irra?» Isaanillee akkana jedhanii mari'atan, ‹Rabbiin irra› yoo jenne, ‹Maaf itti hin amanne ree?› nuun jedha. ‹Nama irra› yoo jenne ammo, gumiin dhaga'aan nu tuman; Yohaannis akka raagaa ture maruu waan amananiif. Isaanillee deebisanii, «Garamii akka dhufe hin beennu» jedhaniin. Yesuusillee deebisee, «Anillee baallii maali'iitiin waan kanniin akka godhe isinitti hin himu» isaaniin jedhe. Inni mammaaka kana bani'itti himuu jalqabe. «Namichi tokko ashaakiltii woyini'ii dhaabee qonnaan bultootatti bara hedduuf kiraa kenne gara biyya biraa deeme. Inni hennaan woyiniin gayu geennaan akka qonnaan bultoonni woyinii isaa fidaniifiif hojjataa tokko gara isaanii erge. Isaan ammo hojjataa san tumanii harka qullaa uf irra deebisan. Inni ammallee deebi'ee hojjataa biraa erge; isaan isallee harka qullaa ari'an. Deebi'ee sadeessoo erge. Isaanillee kana madeessanii diidatti gad darban. Abbaan ashaakiltii woyini'ii sun, ‹Ani maal godhuu naa woyyaa? Ilma kiyya ka jaaladhu itti erga; maal laataa isa yoo argan hin kabajjan› jedhe. Qonnaan bultoonni ammo hennaa isa argan akkana jedhanii mari'atan, ‹Ka dhaalu kana waan ta'eef dhaalli ristii kanaa akka keenna ta'u koottaa haa ajjeefnuu!› jedhan. Isaanillee ashaakiltii woyini'ii keessaa gara diidaa baasanii isa ajjeessan. Kanaafuu gooftaan ashaakiltii woyini'ii maal isaan godhinna laata? Inni dhufee qonnaan bultoota kanniin balleessee, ashaakiltii woyini'ii san namoota biraatii kenna» jedhe. Isaan haga waan kana dhagayan, «Rabbi waan kana nutti hin fidin!» jedhan. Yesuus gara isaanii laalee akkana jedhe, «Eegasuu, ‹Dhagaan worri mana ijaaru tuffate, dhagaa dhagaa maraa caalaa barbaadamu ta'a› ka jedhamee barreeffame maal jechu'u? Namni dhagaa san irratti kufu maruu hin caccaba; namni dhagaan sun irratti kufu ammo hin bututa» jedhe. Bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee mammaaka kana akka inni isaaniif mammaake beekanii hennama san isa qabu'uuf barbaadan; haa ta'uu ammo gumii sodaatan. Uduu isa ega'aaran gara qe'ee bulcha'aa dabarsanii akka kennaniin qajeelaa uf fakkeessanii waan inni dubbatuun isa qabu'uuf worra riphanii eegan isatti ergan. Isaanillee Yesuusiin akkana jedhaniin, «Barsiisaa keenna akka ati dhugaa dubbattuu fi barsiiftu, namallee akka wol hin caalchifne hin beenna; dhugamaan karaa Rabbii barsiifta. Qeesaariif gibira kennuun seera mo'o seeraa miti?» jedhaniin. Inni ammo hameenna isaanii argee maaf na qorattan? Mee saantibii takkattii natti mudhisaa'a; biftinii fi barreeffamni isaa ka eennuuti? isaaniin jedhe. Isaanillee deebisanii, «Ka Qeesaariiti» jedhaniin. Maarre Yesuus, «Ka Qeesaarii Qeesaariif, ka Rabbii Rabbiif kennaa'a!» isaaniin jedhe. Afoo bani'iititti dubbi'iin isa qabuu hin dandeenne; deebii isaa maalalanii cadhisan. Yesuusiin waan du'aa ka'insaa worri waakkatan Saduuqoota keessaa gari gariin gara isaa dhufanii akkana jedha'aa gaafatan. «Barsiisaa'a! Muuseen, ‹Namni tokko haadha manaa fuudhee ijoollee uduu hin uumatin isii irraa yoo du'e, obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaalee fiixaa obboleessa ufiitiif bakka haa buusuu› jedhee nuuf barreesseera. Ilmaan haadhaa torbatu ture. Ka duraa haadha manaa fuudhee uduu hin uumanne du'e. Kanniin maraan maayessa ammo dubartiin sun hin duute. Eegasuu torbanuu waan fuudhaniiraniif, Isiin gaafa du'aa ka'iinsaa isaan keessaa haadha manaa eennuu taati?» Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Worri adunyaa tanaa hin fuudhan; hin heerumanille'e. Worri du'aa ka'anii fi biyya lafaa ta dhuftu keessa jiraatan ammo hin fuudhan; hin heerumanille'e. Isaan akka Maleekkotaati; deebi'anii hin du'an; isaan waan ijoollee du'aa ka'an ta'aniif ijoollee Rabbiiti. Worri du'an akka ka'an Muuseen akkasuma saatoo gubatu keessaan Goofta'aan, ‹Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisaaqiitii fi Waaqa Yaaqoobii› jechu'uun himeera. Martinuu isaaf jiraattota waan ta'aniif, Inni Waaqa jiraattotaati malee Waaqa worra du'aniitii miti» isaaniin jedhe. Barsiisota Seera Muuse'ee keessaa gariin deebisanii, «Barsiisaa'a! waan mishaa dubbatte» jedhaniin. Achiin maayessa isaan deebi'anii gaafii biraa isa gaafachuu hin uggine. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Namoonni attamitti, ‹Kiristoos Ilma Daawitiiti› jedhan?» jedhee isaan gaafate. Eega Daawiti, ‹Gooftaa kiyya› jedhee isa waame, attamiin Kiristoos Ilma isaa ta'uu danda'a ree?» Gumiin maruu uduu isa caqasa'aaran, Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Barsiisota seera Muuse'ee irraa of eegaa; isaan uffata dhedheeraa uffatanii worra asii fi achi naannayuu barbaadan, gabayaa keessattillee nagaya akka isaan gaafataniif mana sagadaatittillee barcummaa kabajja'aa; urgee nyaataatittillee hulee kabajja'aa waan barbaadaniif uf eeggadhaa'a. Isaan sababaa Rabbiin kadhachuu dheeressa'aa mana haadha hiyyeeyyi'ii irraa nyaatu kunniin murtii hamaa argatan» jedhe. Yesuus yoo gara worra kennaa kenna'aaranii laalu dureeyyiin hennaa kennaa meeshaa buusi'ii keessa buusan arge. Dubartiin hiyyeettiin takka hennaa saantibii lamaa achi buuftu argee, «Ani dhugamaan isiniin jedha; dubartiin hiyyeettiin tun ka maraa caalu kennite. Kunniin maruu bu'aa isaanii irraa meeshaa buusi'ii keessa buusan; isiin tun ammo dhidhinna isii keessaa waan qabduuf waan bultuun maraa kennite» jedhe. Namoonni gari gariin, «Manni woyyuun kun attamitti bareeda? dhagaa babbareeda'aa fi kennaa Rabbiif kennameen midhaaffame» jedha'aa qaaqa'aa turan. «Dhagaan isin argitan kun maruu dhagaan tokko dhagaa tokko irratti uduu hin hafin barri jigu hin dhufa» jedhe. Isaanillee, «Barsiisaa'a! eegasuu wonti kun yoom ta'a? Kunillee ta'u'uuf malkanni maali'i?» Jedhanii isa gaafatan. Innillee akkana jedhe, «Akka hin dogoggorre uf eeggadhaa'a. Hedduun isaanii, ‹Ani Kiristoos; barri dhiyaateera!› jedha'aa maqaa kiyyaan hin dhufan. Isaan faana hin deeminaa'a! Lolaa fi wonta nama naasisu hennaa dhageettan hin nayinaa'a. Wonti akkasii sun duraan dursee waan ta'uuf. Haa ta'uu ammo dhumti baraa yoma san hin ta'u.» Hennaa san akkana isaaniin jedhe. «Baniin banii irratti; mootummaan mootummaa irratti hin ka'a. Raafamni lafaa guddaanii fi beelli, dhibeen hulee adda addaatitti hin ta'a. Wonti nama sodaachisu malkanni guddaanillee samii irraa hin mudhata. Kana maraan duratti isin qaban; isin ari'an; waan kiyyaaf gara mana sagada Yihuudotaatii fi gara mana hidha'aatitti dabarsanii afoo moototaatii fi bulchootaa isin fidan. Kunillee raga'aaf isinii ta'a. Kanaafuu, ‹Maal jennee deebifna› jettanii garaa keessan keessatti hin dhiphatinaa'a. Kana qalbi'itti qabadhaa'a. Waan diintonni keessan maruu isiniin mormu'uuf falmuu hin dandeenne afaanii fi ogummaa isinii kenna. Haawwoti'ii fi abbootiin, obboleeyyan, firoonniinii fi jaalalloon dabarsanii isin kennan. Isin keessaa garii hin ajjeesan. Bakka marattuu worra maqaa kiyyaaf jibbamu taatan. Haa ta'uu ammo mataa keessan irraa rifeensi tokkollee hin buqqa'u. Obsu'uun lubbuu teessan oolfattan.» Isin yoo «Yerusaalem loltootaan marfamtee argitan hennaa san akka badiin isi'ii dhiyaate beekaa'a. Hennaa san worri Yihuudaa jiru gara gaaraa haa dheessanii; worri qachaa keessa jiru isii keessaa haa bayanii. Worri baadiyyaa jiranillee isii keessa akka hin seenne. Wonti barreeffame maruu akka raawwatamuuf kun hennaa haluu bayu'uu waan ta'eef, Hennaa san dubartoota ulfaatii fi haawwota harma hoosisanii hobbaasi. Rakkoon guddaan biyya lafaatii fi gumii irratti waan ta'uuf. Isaan qara guraade'eetiin du'an, kuuwwan maruu ammo marti isaaniituu booji'amanii worra Yihuudota hin taaneen fudhataman. Haga barri namoota Yihuudota hin taanee dhumutti Yerusaalem ta namoonni Yihuudota hin taane dhidhiitan taati.» Yesuus ammallee akkana jedhe, «Aduu, ji'aa fi urjii irratti, malkatatu ta'a. Lafa irrattillee worri Yihuudota hin taanee galaanaa fi laagaa haboonbolatti'iitiin mama'aa dhidhiphatan. Namoonnillee waan adunyaa irratti dhufu sodaatanii eegu'uun dadhaban; waan hundeen sami'ii raafamtuuf. Kanaan maayessa Ilmi Namaa hunnaa fi ulfinna gudda'aan hennaa duumessaan dhufu hin arganiin. Hennaa wonti kun ta'uu jalqabu sababaa fayyinni keessan dhiyaateeruuf ka'aa dhaabadha'aatii mataa keessan ol qabadhaa'a» jedhe. Yesuus mammaakaan akkana jedhee isaanitti hime,« Muka hurbu'uutii fi mukkiin maruu yoo bayan argaa'a. Hennaa munni kunniin baala baafachuu jalqaban laala'aa yoo san bonni akka dhiyaate hin beettan. Akkasuma hennaa kun maruu ta'u yoo argitan jeennanni Rabbii akka dhiyaatte beekaa'a. Ani dhugamaan isiniin jedha, haga kun maruu ta'uuf dhaloonni kun hin lufu. Ardi'ii fi samiin hin lufan dubbiin kiyya ammo hin lufu. Haa ta'uu ammo, «Akka malee nyaataa fi machi'iin yookaan jireenna lafa tanaatiif yaada'aa akka hin dadhabne, guyyaan sunillee dimmaa akka isinitti hin dhufne uf eeggadhaa'a! Guyyaan sun worra lafa irra jiran marattuu waan dhufuuf. Eegasuu waan dhufu'uuf ta'u jalaa akka baataniif fuula Ilma Namaa afo'otti dhaabachuu akka dandeettan hennaa maraa jabaadha'aa Rabbiin kadhadhaa'a!» Yesuus guyya guyya'aan mana woyyuu keessatti barsiisa'aa ture. Halkan ammo gara gaara ejersa jedhamu gubbaa bayee bula'aa ture. Gumiin maruu isa irraa dhagayu'uuf obboro'oon gara Mana Woyyu'uu dhaqa'aa turan. Ayyaanni Faasikaa jedhamu dhiyaate. Bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee gumii sodaatan malee attamiin akka isa balleessan yaada'aa turan. Seexanni darasoota kudha lamaa keessaa Yihuudaa nama biyya Keriyooti jedhamutti gale. Inni attamitti akka isa dabarsee kennu bulchoota gadootaatii fi worra mana woyyu'uu woliin mari'ate. Isaan gammadanii birrii isaa kennu'uuf wolii galan. Inni maarre jedhe; bakka baniin hin jirretti dabarsee isaanitti kennu'uuf hennaa isaa tolu soqa'aa ture. Ayyaanni Faasika'aa ka hoolaan itti qalamu geennaan, Yesuus Pheexroosii fi Yohaannisiin, «Hurbaata Ayyaana Faasiika'aa akka nyaannu deema'aatii qopheessaa'a!» jedhee isaan erge. Isaan, «Eessatti akka sii qopheessinu barbaadda?» jedhaniin. Innillee akkana isaaniin jedhe, «Gara qacha'aa hennaa seentan nama ottee bisaanii baadhate tokkotti dhuftan; gara mana isaa faana deemaa'a. Abbaa mana saniitiin, ‹Barsiisaan darasoota ufii woliin manni keessumma'aa ka hurbaata Ayyaana Faasika'aa itti nyaadhu eessa? siin jedha› jedha'aanii. Inni mana mana gubba'aa gamoo keessatti galma afame badhaa isinitti mudhisaa achitti nuu qopheessaa'a!» Isaanillee dhaqanii akkuma inni jedhe arganii hurbaata Ayyaana Faasika'aa qopheessan. Hennaa sa'aatiin gaye Yesuus ergamtoota kudha lamaa woliin hurbaata'aaf taa'e. Innillee, «Rakkoo kiyyaan dura isin woliin hurbaata Ayyaana faasika'aa kana nyaatu'uuf guddisee halcheera. Ani akkana isiniin jedha, haga jeennanni Rabbii raawwatamuuf ani duranaa deebi'ee kana irraa hin nyaadhu.» jedheen. Xuwwee ol fuudhee haga galatoonfateen maayessa akkana jedhe, «Hoo'aa; kana wolii qoodaa'a! Ani isinitti himaa haga jeennanni Rabbii dhuftutti ammaa jalqabee daadhii woyini'ii kana irraa hin dhugu» jedhe. Xoroshoollee fuudhee galatoonfatee cabsee, «Kun foon kiyya ka isinii kenname; ittiin na qaabadhaa'a!» jedhee isaanii kenne. Akkasuma hurbaataan maayessa xuwwee ol fuudhee akkana jedhe, «Untoon kun waadaa haarawa dhiiga kiyya ka isinii jiguun raawwatamu. Haa ta'uu ammo dabarsee ka na kennu kunoo harki isaa na woliin hurbaata irra jira. Ilmi Namaa akkuma itti murtaayetti hin deema. Haa ta'uu ammo ka dabarsee na kennu san hobbaas!» jedhe. Isaanillee, «nu keessaa namni waan kana godhu eennuun ta'inna?» jedha'aa wol gaafachuu jalqaban. Akkasuma isaan keessaa namni nama maraa caalu eennu jedhanii wol morman. Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Mootonni banii irratti baallii qaban; worri isaan irratti aangoo qaban worra waan mishaa hojjate› jedhaman. Isin biratti ammo akkasi hin ta'in; san caalaa isin keessaa ka hangafa ta'e akka maandha'aa; ka bulchaa ta'ellee akka tajaajila'aa haa ta'uu. Ka hurbaataaf taa'e yookaan ka hojjatu keessaa kamtu gudda'a? Ka taa'ee mitii? Ani ammo isin eddu'utti akka hojjata'aati. Haa ta'uu ammo isin hennaa rakkinna kiyyaa na woliin jabaattanii jiraattaniirtan. Gooftaan ammallee akkana jedhe, «Simoon! Simoon! kunoo, seexanni akka qamadi'ii isin gingilchu'uuf na kadhate. Ani ammo akka amantiin kee hin banne sii kadhadhe. Ati hennaa gara kiyya deebite obboleeyyan kee jabeessi!» jedheen. Innillee akkana jedheen, «Gooftaa kiyya! ani gara mana hidha'aatii fi gara du'aallee si woliin deemu'uuf qophaayeera» Yesuus ammo, «Pheexroos! ani sitti hima, ati uduu lukkuun hin iyyin ‹ani si hin beeku› jettee adha hennaa sadihi na ganta» jedheen. Achiin maayessa Yesuus, «Korojoo, qaraciitii yookaan kophee uduu hin qabatin hennaa ani isin erge wonti isin jalaa dhidhate jiraa?» Isaaniin jedhe. Isaanillee, «Womaa hin dhidhanne!» jedhan. Inni ammo, «Ka korojoo, yookaan qaraciitii qabu haa qabatuu; akkasuma ka guraadee hin qabnellee uffata ufii gurguree guraadee haa bitatuu. Ani akkana isiniin jedha, ‹Worra hamaa woliin laakkayame› jedhamee ka barreeffame na irratti raawwatamuu barbaachisa; Ee anaaf amma wonti ta'u na irratti waan raawwatamuuf» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Gooftaa! kunoo guraadee lamatu as jira» jedhaniin; Innillee, «Hin gaya!» isaaniin jedhe Yesuus achi keessaa bayee akkuma aadeeffate gara gaara ejersaa deeme. Darasoonnillee akkasuma isa faana deeman. Haga hulee san gaye, «Ataabe'etti akka hin galle dammaqa'aa Rabbiin kadhadhaa'a!» isaaniin jedhe. Isaan irraa haga darbata dhaga'aa fagaatee jilbiiffatee, «Abbaa kiyya fedhii kee yoo ta'e mijuu tana na irra dabarsi. Haa ta'uu ammo fedhii kee malee kiyyaa hin ta'in» jedha'aa faateffate. Achiin maayessa Maleekkaan isa jajjabeessu samii irraa dhufe. Inni garaa ufii keessatti guddisee hucuucamee faateffata'aa ture. Fuuruun isaa akka dhiigaa lafatti coccophe. Hennaa faatee irraa ka'e gara darasoota ufii dhufee waan guddisee gaddee tureef dadhabanii ka rafaniiran argee, «Maaf raftan? ataabe'etti akka hin galle ka'aatii dammaqa'aa Rabbiin kadhadhaa'a!» isaaniin jedhe. Uduu inni dubbata'aa jiru namoonni hedduu gara isaa dhufan, darasoota kudha lamaan keessaa namichi Yihuudaa jedhamu tokko isaan afoo deema'aa ture. Inni Yesuusiin dhungachu'uuf gara isaa dhufe. Yesuus ammo, «Yihuudaa'a! Ilma Namaa dhungachu'uun dabarsitee kennitaa?» jedheen. Worri isa woliin jiran waan ta'aaru haga argan, «Gooftaa'a! guraade'een dhoofnuu?» jedhaniin. Isaan keessaa tokkochi hojjataa bulchaa gadootaa dhayee gurra mirgaa irraa mure. Yesuus ammo deebisee, «Dhiisaa'a! waan kana itti hin deebi'inaa'a!» jedhee gurra namichaa qaqqabee fayyise. Yesuus worra gara isaa dhufan bulchoota gadootaa, ajajoota mana woyyu'uutii fi manguddootaan, «Akka waan ani shiftaa ta'ee guraade'ee fi bokkuu qabattanii dhuftanii? Hennaa guyyama guyya'aan mana woyyuu keessatti isin woliin jiru, hennaa san isin qubaanuu na hin tundhe; amma garuu sa'aatiin kun sa'aatii keessanii fi ka baalliin abbaa dukkanaa itti hojjatu» isaaniin jedhe. Isaan Yesuusiin qabanii fuudhanii gara mana bulchaa gadootaa geessan. Pheexroos ammo fago'otti isa faana deema'aa ture. Hennaa jarri dallawa keessatti ibidda bobeessan Pheexroosillee gara ifaatiin edduu isaanii taa'ee uduu jiru, Hojjattuun takka xiinxallitee laaltee, «Kunillee Yesuusiin woliin ture» jette. Inni ammo, «Intalattii nana! ani isa hin beeku» jedhee waakkate. Hennaa diqqo'oon maayessa namni biraa isa argee, «Atuu isaanuma keessa» jedheen. Pheexroos ammo, «Namana namni sun anaa miti» jedheen. Gara sa'aatii tokkoo haga tureen maayessa, «Namni biraallee inni nama Galiila'aati; dhugamaan namichi kunillee isa woliin jira» jedhe. Pheexroos ammo deebisee, «Namicha nana waan ati jettu kana ani hin beeku!» jedhe. Uduma inni kana dubbata'aaru lukkuun iyye. Hennaa san Gooftaan midhatee Pheexroosiin laale. Pheexroos dubbii Gooftaan, «Adha uduu lukkuun hin iyyine hennaa sadihi na ganta» jedhe qaabate. Pheexroos diida bayee mararamee booye. Namoonni Yesuusiin qaban isatti balda'aa dhaanan. Isaan ija isaa hidhanii, dhaya'aa waan turaniif, «Ka dhabanaasa'aan si dhaye eennu? Mee raaga dubbadhu!» jedha'aa isa gaafatan. Waan biraallee waan hedduu jedha'aa arrabsa'aanii turan. Hennaa lafti bariite manguddoonni biyyaa, bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee wol gayanii gara yaa'ii murti'ii fidanii, «Kiristoos si'ii? mee nutti himi!» jedhaniin. Inni ammo, «Yoo ani isinitti hime hin amantan; Yoo isin gaafadhellee naa hin deebiftan, na hiitan. Haa ta'uu ammo amma irraa jalqabee, Ilmi Namaa mirga hunna Rabbii taa'a!» jedheen. Isaan martinuu, «Eegasuu ati Ilma Rabbii tii?» jedhaniin. Innillee, «Akka ani isa ta'e isinuu jedha'aartan» isaaniin jedhe. Isaan, «Nu'uu afaan isaatii dhageenneerra, ammaa achi ragaa maal nu barbaachisa?» jedhan. Isaan maruu wolii galanii ka'anii gara Philaaxoosii isa fidanii, «Kun gumii keenna dogoggorsa'aa, Qeesaarii fi mootii worra Rooma'aatii gibira akka hin kaffallee yoo dhooggu, akkasuma Ani Kiristoosii mooti'i yoo jedhu dhageenne» jedhanii himachuu jalqaban. Philaaxoos, «Ati mootii Yihuudi'iitii?» jedhee isa gaafate. Innillee deebisee, «Maarre atuu jettee» jedheen. Philaaxoos, bulchoota gadootaatii fi gumi'iin, «Ani nama kana irratti yakka tokkollee hin argine» jedhe. Isaan ammo jabeessanii, «Galiila'aa jalqabee haga Yihuuda'aa maraa keessatti barsiisa'aa gumii booreessa» jedhan. Philaaxoos ammo Galiilaa hennaa jedhan dhagayee, «Inni nama Galiila'aatii?» jedhee gaafate. Philaaxoos akka Yesuus bulchiinsa Heroodisii keessa ta'uu beeke; hennaa san Heroodis waan Yerusaalemiin keessa tureef gara isaa erge. Heroodis hennaa hedduu waan Yesuusiin arguu barbaaduuf hennaa isa arge guddisee gammade. Waan isaa waan dhagayee tureef hennaa inni baasa hojjatu argu'uuf hawwa'aa ture. Kanaaf gaafii heddu isa gaafate. Inni ammo waa tokkollee isaa hin deebifne. Bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee jabeessanii isa himachu'uuf achi dhaabatanii turan. Heroodisillee loltoota ufii woliin tuffatee isatti balde. Uffata qandhafaa itti uwwisee, deebisee gara Philaaxoosii erge. Heroodisii fi Philaaxoos gaafas jaalalloo ta'an. Duraan edduu isaanii lolatu ture. Kanaan maayessa Philaaxoos bulchoota gadootaa, aango qabeeyyi'ii fi banii wolitti waamee akkana isaaniin jedhe. Isin, «Namichi kun gumii dogoggorsa jettanii nama kana gara kiyya fiddan, kunoo afoo keessanitti qoradhee waan isin isa himattaniif yakka tokkollee nama kana irratti hin argine. Heroodis ammo womaa irratti waan hin argineef gara keenna deebiseera; waan isa ajjeesisu womaa hin goone. Eegasuu adabee isa hiika.» [Hennaa ayyaanaa nama hidhame tokko hiikuun aadaa isaanii waan ta'eef.] Isaan maruu wol ta'anii, «Namicha kana balleessi Baarbaaniin nuu hiiki!» jedha'aa wocan. Inni waan qachaa booreessee namallee ajjeeseef mana hidha'aatitti hidhamee ture. Philaaxoos Yesuusiin hiikuu barbaadee deebi'ee isaanitti dubbate. Haa ta'uu ammo isaan «fannis! Fannis» jedhaa wocan. Hennaa sadeesso'oof, «Badiin inni godhe maali'i? yakka du'aaf isa geessu isa irratti hin argine. Kanaafuu adabee hiika» isaaniin jedhe. Isaan ammo, «Fannisi» jedha'aa laagaa gudda'aan wocan; laagaan woca bani'iitii fi bulchoota gadootaa ka maraatuu caale. Waan isaaniitiif dubbiin bulchoota gadootaallee jabaatee jennaan, Philaaxoos akka kadhaan isaanii ta'uuf isatti murteesse. Namicha qachaa booreessee nama ajjeesee mana hidha'atitti hidhamee ture san waan kadhataniif gad isaanii dhiise. Yesuusiin ammo fedhii isaaniitiif dabarsee kenne. Hennaa Yesuusiin achi geessan namichi biyya Qareena'aa ka Simoon jedhamu tokko hennaa baadiyya'aa dhufu Yesuusiin faana fannoo baatee akka deemu itti baachisan. Banii san keessaa dubartoonni hedduu booya'aa boochisa'aa isa faanaa deeman. Yesuus ammo gara isaanii midhatee akkana jedhe, «Isin dubartoonni Yerusaalemii! ufii fi ijoollee keessanii booyaa malee naa hin booyinaa'a. Haa ta'uu ammo, ‹Dhabduun, gadaamessi sirimaa hin deennee fi harmi hin hoosifne ammo ka eebbifame› hennaan jedhamu kunoo hin dhufa. Hennaa san gaarraniin ‹nu irratti jigaa'a› tullootaan ammo ‹nu dhossaa› jechuu jalqaban. Isaan eega muka jiidhaa irratti ka akkana godhan ta'e, muka gogaa ammo attam godhinnu laata? Worra yakka hojjatan lamaan akkasuma isa woliin ajjeesu'uuf achi geessan. Hennaa hulee Qaraaniyoo jedhamu gayan achitti isaa fi worra yakka hojjatan lamaan, tokko mirgaan; ka lammeesso'oo bitaa isaatiin fannisan. Yesuusillee, «Aabbaa'a! isaan waan godha'aaranuu waan hin beenneef isaanii dhiisi!» jedhe. Uffata isaallee qoodamu'uuf hixaa itti buufatan. Gumiinillee dhaabatee laala'aa ture. Ajajjoonnillee akkasuma, «Kaawwan fayyiseera; Inni Kiristoosii Rabbiin filatame yoo ta'e uf haa fayyisuu!» jedha'aa isatti balda'aa turan. Loltoonni ammo gara isaa dhiyaatanii waan dhangagga'aa kennaniif. «Ati yoo mootii Yihuudi'ii taate uf oolchi!» jedha'aa isatti balda'aa turan. Jechi, «Kun Mootii Yihuudotaati» jedhu tokko afaan Giriikii, Roomaayisxii fi Ibraayisxiin barreeffamni barreeffame mataa isaa gubbaa jira. Hammeeyyii yakkaaf fannifaman keessaa tokko, «Ati Kiristoosii mii? Ufillee nullee oolchi!» jedhee isa arrabse. Ka lammeesso'oo ammo, «Ati uduu murtee akkanaa irra jirtu, Rabbumallee hin sodaattuu?» Nu waan gooneef murtii keenna arganna, murtiin nu irratti murtaaye murtii dhuga'aati. Inni ammo dhara woyiituu hin hojjanne jedhee isa teedeffate. Yesuusiin, «Gooftaa kiyya! hennaa mootummaa keetiin dhuftu na qaabadhu!» jedhe. Yesuus deebisee, «Dhugamaan siin jedha, adha na woliin jeennata galta» jedheen. Sa'aatii jaha irraa jalqabee dukkanti haga sa'aatii sagalii biyya lafaa maratuu ta'e. Aduunillee hin dukkanoofte; golgaan mana woyyu'uu gubba'aa haga gadii tarsa'e. Yesuus laagaa gudda'aan iyyee, «Abbaa lubbuu tiyya harka keetitti yaboo dabarsee kenna!» jedhe. Kana jedhee lubbuu ufii dabarsee kenne. Ajajaan loltuu dhibbaa hennaa waan ta'e san arge, «Namni kun dhugamaan balcha'a!» jedhee Rabbiin kabajje. Worri kana argu'uuf wol gaye maruu waan ta'e san hennaa argan laphee ufii tuma'aa deebi'an. Worri isa beekan maruu, dubartoonni Galiila'aa isa faanaa dhufan maruu fagoo dhaabatanii waan kana laala'aa turan. Namichi miseensa gumii Yihuudotaa ka Yooseef jedhamu tokkotu ture. Inni nama misha'aa fi qajeela'a. Inni mari'ii fi hujii isaanii keessa hin jiru. Yooseef qachaa Yihuuda'aa ta Armaatiyaas jedhamtuu dhufe, Inni akkasuma jeennata Rabbii eeggata'aa ture. Namichi kun gara Philaaxoosii dhaqee reeffa Yesuusii kadhate. Fannoo irraa buusee qoolaan kafanee awwaala dhagaa irraa bocame ka namni biraa haga ammaa itti hin awwaalamne keessa kaaye. Guyyaan sun guyyaa qophi'ii ture; Sambannillee seenuu gayeera. Dubartoonni Yesuusiin woliin Galiila'aa dhufanillee isa faana deemanii hulee awwaalaatii fi reeffallee attamitti akka kaayan argan. Achii deebi'anii beensoo, ansha'aa fi waan diban qopheessanii akka seeraatitti guyyaa Sambataa hara baafatan. Dubartoonni urgoo qopheeffatan qabatanii guyyaa jalqaba torbaanii isaan woliin obboro'oon gara awwaalaa dhaqan. Dhagaan awwaalaan cufame ka irraa gangalfameeru argan. Hennaa boolla awwaalaa keessa seenan reeffa Gooftaa Yesuusii hin argine. Isaan waan kana uduu mama'aaran namoonni lamaan uffata calalaqu uffatanii isaan bira dhaabatan. Dubartoonni sunniin sodaatanii uduu ijaan lafa laala'aaran akkana isaaniin jedhan, «Maaf jiraataa worra du'e keessaa soxxan? Dubartoonnillee hennaa san waan inni dubbate yaadatanii hulee awwaalaatii deebi'anii kana maraa namoota kudha tokkootii fi kaawwanittillee himan. Worri waan kana ergamtootatti himan Maariyaamii qachaa Magidala'aa, Yohaanaa, haadha Yaaqoobii Maariyaamii fi dubartoonni biraallee isaan woliin jiran. Isaan dubbiin kun waan suuraa isaanitti fakkaateef isaan hin amanne. Pheexroos ammo ka'ee gara awwaalaa fiige. Achi gayee gad jedhee yoo laalu qoola jirbii irraa hojjatame callaa arge. Waan ta'e kana maalala'aa gara mana ufii deebi'e. Guyyaa san isaan keessaa namoonni lamaan Yerusaalemiin irraa kiilomeetira kudha lama fagaatu gara ganda Emaahuus jedhamtuu deeman. Isaan waan ta'e kanniin maraa woliin qaaqa'aa turan. Uduma isaan waan san qaaqa'aa qorata'aa deeman, Yesuus isaanitti dhufee isaan woliin deeme. Isaan ammo akka isa hin beenne ijji isaanii qabamee ture. Inni, «Gadda'aa wonti woliin qaaqa'aa deemtan kunniin maali'i?» Isaaniin jedhe. Namni Qalayoophaa jedhamu tokko ammo deebisee, «Ati Yerusaalemitti hojja kee keessummaa taatee jiraattaa? Guyyoota kanniin waan achitti ta'e hin beettuu?» jedheen. Innillee, «Maal inni?» jedhee gaafate. Isaanillee akkana jedhaniin, «Waan Yesuusii nama Naazireetii, ka huji'ii fi dubbi'iin Rabbii fi gumii maraa biratti raagaa jaba'aa!» Isa bulchoonni gadootaatii fi worri loltoota ajaju murtii du'aatitti dabarsanii isa kennanii fannisan. Nu ammo namni Israa'eeliin fayyisu isa jennee abdannee turre. Wonti kun maruu haga ta'e adha guyyaa sadeesso'ooti. Wonti biraa ammo ka nu maalalchiise dubartoonni gariin nu keessaa hulee awwaalaa dhaqanii, Haga reeffa isaa achii dhaban dhufanii hennaa maleekkonni, ‹Inni jiraata'a› jedhanii dubbatan mudhataan argine jedhan. «Worri nu woliin turanillee gara awwaalaa dhaqanii akka wonti sun akkuma isaan nutti odeessan ta'e argan; isa ammo hin argine» Innillee akkana isaaniin jedhe, «Isin bada worra hin hubannee fi worra waan raattonni dubbatan maratti qalbiin keessan hin amanne, Kiristoos rakkoon irra gayee ulfinnatti seenuun isa hin barbaachisuu ree?» isaaniin jedhe. Raattota maraaf Muusee irraa jalqabee waan isaa ka kitaabban maraa keessatti barreeffame isaanii hiike. Gara ganda dhaqa'aaranii dhiyaatanii isaan waan inni fagoo deemu isaanitti fakkaate. Isaan, «Waan lafti galgalaayee dukkanaayeeruuf nu bira buli» jedhanii jabeessanii kadhataniin. Inni isaan bira bulu'uuf seene. Uduu isaan woliin hurbaataaf taa'eeru xoroshoo ol fuudhee eebbisee caccabsee isaanii kenne. Ijji isaanii hin baname; isaanillee hin beekaniin. Inni ammo ija isaanii afo'oo miliqe. Isaan, «Hennaa inni kara'atti nu woliin dubbata'aa turee fi hennaa inni kitaabban nu barsiisa'aa ture garaan keenna nu kakka'ee nu raafama'aa hin turree?» woliin jedhan. Isaanillee waan karaa irratti ta'e haga Xoroshoo cabseen maayessa attamitti akka isa beekan isaanitti odeessan. Uduu isaan kana dubbata'aa jiran, Yesuus edduu isaanii dhaabatee, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin jedhe. Isaan ammo waan ekeraa argan seeyanii nayanii sodaatan. Inni ammo, «Maaf naatan? Maaf mamiin garaa keessan keessatti uumame? Akka ana ta'e akka beettan mee harka kiyyaa fi luka kiyya qaqqaba'aa laalaa'a; ekeraan foonii fi lafee hin qabu, Ani ammo hin qaba.» isaaniin jedhe. Innillee kana jedhee harka ufiitii fi luka ufii isaanitti mudhise. Isaanillee guddisanii waan gammadaniif amanuu dadhabanii maalala'aa uduu jiran waan nyaatan asii waa qabduu? isaaniin jedhe. Isaanillee qurxummii woddame irraa kutanii nadhii dammaallee kennaniif. Inni fudhatee isaanuma afo'otti nyaate. Innillee, «Hennaa ani isin woliin jiru, Seera Muuse'eetii fi raattotaa kitaaba faarfanna'aa keessatti wonti kiyya ka barreeffame maruu raawwatamuu barbaachisa jedhee ka isinitti hime sun isa kana» isaaniin jedhe. Hennaa san kitaabban akka hubatan sammuu isaanii bane. Akkana isaaniin jedhe, «Kiristoos hin rakkata; guyyaa sadeesso'oo du'aa hin ka'a. Maqaa isaatiin cubbuu irraa deebi'uu fi araarri cubbu'uu Yerusaalemiin irraa jalqabee banii maraa irratti hin lallabama jedhamee barreeffameera. Isinillee waan kanaaf raga'a. Ani waan Abbaan kiyya waadaa isinii gale san isinii erga. Isin ammo haga hunna olii argattanitti qachaa Yerusaalemii keessaa hin bayinaa'a» jedhe. Innillee achii bayee haga Bitaaniya'aa isaan geegessee harka ufii lamaan ol kaasee isaan eebbise. Uduma isaan eebbisa'aaru isaan dhiisee gara sami'ii ol fudhatame. Isaan isaa sagadanii guddisanii gammadanii gara Yerusaalemii deebi'an. Hennaa maraa Rabbiin galatoonfata'aa mana woyyuu keessa jiraatan. Jalqaba jechatu ture; jechi Rabbiin bira ture; jechi kun Rabbiin ture. Kun jalqabumaa Rabbiin woliin ture. Wonti martinuu isaan ta'e, waan ta'e keessaa tokkichillee isaan malee ka ta'e hin jiru. Isa keessa jireennatu jira; jireenni sunillee ifa namaati. Ifni dukkana keessatti ifa. Dukkanti isa hin injifanne. Nama maqaan isaa Yohaannis jedhamu ka Rabbi erge tokkotu ture. Martinuu karaa isaatiin akka amananiif waan ifaa ragu'uuf dhufe. Waan ifaa ragu'uuf dhufe malee inni ifaa miti. Ifni dhuga'aa ka nama maraafuu ifu gara adunyaa tanaa dhufa'aa ture. Inni adunyaa tana irra ture; adunyaanillee isaan ta'e; adunyaan ammo isa hin beenne. Innillee gara worra isaa dhufe; worri isaa ammo isa hin simanne. Worra isa fudhatan maraafuu ammo maqaa isaatitti waan amananiif isaan ijoollee Rabbii akka ta'an mirga isaanii kenne. Isaan Rabbiin irraa dhalatan malee; dhiiga yookaan fedha foonii yookaan fedha dhiiraa irraa hin dhalanne. Jechi nama ta'e; Inni badhaadha, Ayyaanaa fi dhuga'aan guuttamee nu keessa bule. Nu'u ulfinna Ilmi tokkichi Abbaa ufii biraa qabuun ulfinna isaa argine. Yohaannis waan isaa ragee laagaa ufii ol fudhatee akkana jedhe. «Ka ana maayessaan dhufu inni waan na dura tureef Inni na caalaa kabajjamaa ta'eera; wonti isaa ka ani jedhellee kana. Nu Maruu guutuu isaa irraa fudhannee badhaadha irratti badhaani nuu kennameera. Seerri Muuse'een kennamee ture. Badhaadhaa fi dhugaan ammo Yesuus Kiristoosiin kenname. Yoomillee yoo ta'e ka Rabbiin arge tokkollee hin jiru. Ilma isaa tokkicha Abbaa bira jirutu kana ibse. Yihuudonni, «Ati eennuu?» Jedhanii gaafachu'uuf Yerusaalemii gadootaa fi Leewwota hennaa itti ergan ragaan Yohaannisii kana. Inni, «Ani Kiristoosii miti» jedhee ragaa baye malee hin waakkanne. Isaan, «Eegasuu ati eennu ree? Ati Eeliyaasii?» jedhanii gaafatan, «Wa'a; ani isaa miti» jedhee deebise. «Ati Raattichaa ree?» Jedhanii gaafatan. Inni ammo, «Wa'a; ani isaa miti» jedhee deebise. Isaan,« Eeganaa ati eennu ree? Worra nu erganiin waan kee maal jenna?» jedhaniin. Yohaannisillee deebisee, «Akka raattichi Isaayyaas jedhetti, ‹Karaa Goofta'aa qajeelchaa'a› jedhee lafa udume'ee keessatti laagaan nama iyyuu sun na'a» jedhe. Yohaannis deebisee, «Ani bisaaniin isin cuupha; haa ta'uu ammo ka isin isa hin beenne isin jidduu dhaabateera. Ka ana maayessa dhufu ka ani miseensa kophee isaatuu hiikuun naaf hin malle kabajjamaan kana» isaaniin jedhe. Wonti kun Yoordaanosiin gama hulee Yohaannis itti cuupha'aa ture Biitaaniyaa Beeta Raaba'aatti ta'e. Bariisaa san Yohaannis uduu Yesuus gara isaa dhufu argee akkana jedhe; «Kunoo! Hoolaan Rabbii ka cubbuu adunyaa irraa balleessu kana. ‹Ka ana maayessaan dhufu anaan dura ture; na caalaa kabajjama'a› jedhee ka ani waan isaa isinitti hime sun kana. Anillee isa hin beeku; Sababaan ani bisaaniin cuupha'aa dhufeef ammo, akka inni saba Israa'eliititti mudhatuuf. Yohaannis akkana jedhee ragaa baye, «Ayyaanni Woyyuun samii irraa akka handari'iititti hennaa bu'ee isa irra taa'u arge» Ayyaannillee isa irra taa'e. Anuu isa hin beenne. Ani isa hin beeku ture. Haa ta'uu ammo, Inni ka ani akka bisaaniin cuuphuuf na erge, ‹Ka ati uduu Ayyaanni irratti bu'uu fi irratti hara baafatu argitu, ka Ayyaana Woyyu'uun cuuphu Isa› naan jedhe. Anillee isa argeera; akka inni Ilma Rabbii ta'e rageera.» Ganamaan akkasuma Yohaannis darasoota ufii keessaa namoota lamaan woliin uduu dhaabatu, Yesuus achi irra ka lufu argee, «Ila hoolaa Rabbii!» jedhe. Darasoonni lamaan hennaa inni dubbatu dhagayanii Yesuusiin faanaa deeman. Yesuusillee uf irra midhatee hennaa isaan faanaa deeman argee, «Maal soxxan?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Rabbii! eessa jiraattaa?» jedhaniin. Hiikkaanillee, «Barsiisaa'a» jechu'u. Inni, «Kootta'aa laalaa'a!» isaaniin jedhe. Isaan dhaqanii hulee inni jiraatu argan. Guyyaa san isa woliin oolan. Hennaan sun gara sa'aatii kudhaniiti. Worra waan Yohaannis dubbate dhagayanii Yesuusiin faanaa deeman lamaan keessaa tokko Indiriyaasii obboleessa Simoonii ka Pheexroos jedhame ture. Inni firrisee obboleessa ufii Simooniin argee, «Kiristoosiin argineerra» jedheen. Kiristoos jechuun, «Masihii» jechu'u. Indiriyaasillee Simooniin gara Yesuusii fide. Yesuus isa laalee, «Ati Simoonii ilma Yoona'aati; ammaa achi ‹Keefaa› jedhamtee waamamta» jedheen; «Keefaa» jechuun afaan Giriikiitiin, «Pheexroos» jechu'u; Pheexroos jechuun, «Dhagaa qarsa'aa» jechu'u. Yesuus ganamaan gara Galiila'aa ol bawuu barbaadee Filiphoosiin argee, «Na faana koottu!» jedheen. Filiphoosillee akkuma Indiriyaasiitii fi akkuma Pheexroosii nama qachaa Beetasaayida'aati. Filiphoos Naatinaa'eeliin argee, «Ka Muuseen Kitaaba seeraa keessatti waan isaa barreessee fi ka raattonnillee waan isaa barreessan ilma Yooseefii Yesuusii nama Naazireetii argineerra» jedheen. Naatinaa'elillee, «Naazireetiin keessaa wonti mishaan bayuu danda'aa?» jedhee gaafate. Filiphoosillee, «Koottuu laali» jedheen. Yesuus hennaa Naatinaa'eel gara isaa dhufu argee, «Ila nama Israa'elii ka dhuga'aa; ka sobni keessa hin jirre» jedhee waan isaa dubbate. Naatinaa'el, «Eessatti na beetta?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Uduu Filiphoos si hin waamne; uduu ati muka hurbu'uu jala jirtu si arge» jedheen. Naatinaa'el deebisee, «Barsiisaa'a! ati Ilma Rabbiiti! Ati mootii Israa'eliiti!» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Hennaa ati muka Hurbu'uu jala jirtu si arge waan siin jedheef amantee? waan kana caalu argita jedheen. Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha hennaa samiin banamtee, Maleekkonni Rabbiillee Ilma Namaa irra ol baya'aa gad bu'an hin argitan» jedheen. Guyyaa sadeesso'ootitti Galiilaa qachaa Qaana'aatitti cidhatu ture. Haati Yesuusiillee achi turte. Yesuusii fi darasoonni isaallee cidha sanitti waamamanii turan. Hennaa daadhiin woyini'ii isaan jalaa dhumate haati Yesuusii, «Daadhii woyini'ii hin qabanii bee» jettee Yesuusitti himte. Yesuus, «Aayyii, waan ani huju ati natti hin himin; hennaan kiyya hin geenne» isi'iin jedhe. Achiin maayessa haati Yesuusii, «Waan inni isinitti himu godhaa'a» jettee worra cidha galchutti himte. Yihuudonni waan aadaa uf qulqulleessu'uu qabaniif gaanii dhaga'aa jaha achii qaban. Gaaniin maruu waabaa lama yookaan sadihi qabata. Yesuus worra cidha galchuun «Gaanii sanniinitti bisaan guutaa'a» jedhe. Isaan haga afaanii guutan. Kanaan maayessa, «Amma buusa'aatii worra cidha galchutti kennaa'a» jedheen. Isaanillee isaanitti kennan. Ka cidha galchullee bisaan daadhii ta'e hennaa afaaniin qabu eessaa akka dhufe hin beenne. Hojjattoonni bisaan woraaban ammo hin beekan. Ka cidha galchu abbaa cidhaa waamee, akkana jedheen, «Namni maruu duraan dursee daadhii mishaa namaa kenna. Haga machaayaniin maayii ammo booruu namaa kenna; ati ammo haga ammaa daadhii mishaa tursiifte!» jedheen. Yesuus maalalee jalqabaa qachaa Qaanaa Galiila'aatitti godhe. Ulfinna ufiillee mudhise; darasoonni isaa isatti amanan. Kanaan maayii Yesuus haadha ufii, ilmaan haadhaatii fi darasoota ufii woliin gara Qifirnaahoomii gad bu'anii guyyaa hago'oof achi taa'an. Hennaa Ayyaanni Faasika'aa ka Yihuudi'ii dhiyaate, Yesuusillee gara Yerusaalemii dhaqe. Mana woyyuu keessatti worra sangoota, hoolotaa fi handarii gurguratanii fi worra birrii sharafu ka taa'aniiran argee, Innillee xurqaayyee dhayatee sangootaa fi hoolota mana woyyuu keessaa baasee worra birrii jijjiiratu waan isaan birrii irra kaayataniiran gara galchee birrii isaaniillee jalaa bittinneesse. Worra handarii gurgurataniinillee, «Kana asii kaasaa'a; mana Abbaa kiyyaa mana daldalaa hin godhinaa'a» isaaniin jedhe. Darasoonni isaallee ka «Hinaaffaan mana keetii akka ibiddaa na guba» jedhamee barreeffame qaabatan. Kanaaf, «Yihuudonni kana godhu'uuf malkata maali'iin nutti mudhifta?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee, «Mana Woyyuu kana diigaa'a! Ani ammo guyyaa sadihitti deebisee ijaaraa» isaaniin jedhe. Kanaaf Yihuudonni, «Manni Woyyu'uu kun hojjatamu'uuf woggaa afurtamii jahaa fixe; ati ammo guyyaa sadihi keessatti ijaaree fixa jettaa?» jedhaniin. Inni ammo waan mana woyyuu qaama ufii dubbate. Kanaaf haga du'aa ka'een maayii darasoonni isaa kana akka dubbate qaabatanii kitaaba Woyyu'uu fi waan Yesuus dubbate amanan. Yesuus hennaa ayyaana Faasika'aa uduu Yerusaalemiin jiru namoonni hedduu maalalee inni godhe waan arganiif maqaa isaatitti amanan. Yesuus ammo namoota maraa waan beekuuf isaan hin amanne ture; Inni waan garaa nama maraa keessa jiru waan beekuuf waan namaa eennullee akka isatti himu hin barbaadu ture. Namicha gosa Fariisotaa bulchaa Yihuudotaa ka maqaan isaa Niqoodimoos jedhamu tokkotu ture. Inni halkaniin gara Yesuusii dhufee, «Barsiisaa'a! yoo Rabbi isa woliin ta'e malee ka maalalee ati hojjattu kanniin hojjatuu danda'u waan hin jirreef barsiisaa taatee Rabbiin biraa akka dhufte hin beenna» jedheen. Yesuus deebisee, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha namni yoo lammeessoo deebi'ee dhalate malee jeennata Rabbii galuu hin danda'u» jedheen. Niqoodimoos, «Namni haga jaareen maayessa deebi'ee attamitti dhalatuu danda'a? lammata hormaata haadhaatitti deebi'ee dhalatuu danda'aa?» jedheen. Yesuus akkana jedhee deebiseef, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni yoo bisaanii fi Ayyaana irraa dhalate malee jeennata Rabbii galuu hin danda'u. Ka foon irraa dhalate foon; Ka Ayyaana irraa dhalate Ayyaana. Waan ani ‹lammeessoo dhalachuu isin barbaachisa› jedheef hin maalalfatin. Bubbeen gara fedhe bubbisa; ati huursaa isaa dhageetta malee, eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu hin beettu. Namni Ayyaana irraa dhalate maruu akkasuma.» Niqoodimoosillee deebisee, «Kun attamitti ta'uu danda'a?» jedheen. Yesuus deebisee akkana jedheen, «Ati barsiisaa Israa'eelii taatee kana hin beettuu? Ani dhugama dhuga'aatiin siin jedha; nu waan beennu dubbanna; waan arginellee ragaa baana; isin garuu ragaa keenna hin fudhattan. Hennaa ani waan lafaa isinitti hime yoo hin amanne, waan sami'ii yoo isinitti hime attamitti amantan ree? Ka sami'ii bu'e malee eennullee ka gara sami'ii ol baye hin jiru. Inni Ilma Rabbii ka samii keessa jiraatu. Akkuma Muuseen lafa udume'ee keessatti bofa fannise, akkasuma ilmi namaa fannifamuu barbaachisa. Kun akka worri isatti amanu maruu jeennata galuuf. Wonti Rabbi adunyaa tana akkanumaan jaalatee tokkicha ilma ufii kenneef, namni isatti amanu maruu akka hin bannee fi akka jeennata galuuf. Wonti Rabbi Ilma ufii gara adunya'aa ergeef, adunya'atti murteessu'uuf uduu hin taane, Ilma isaatitti amanu'uun adunyaan haa fayyitu'uuf. Nama isatti amanu itti hin murtaayu; Ka isatti hin amanne ammo maqaa tokkicha Ilma Rabbiititti waan hin amanneef ammaa itti murtaayeera. Murtiin sunillee kana. Ifni gara biyya lafaa dhufe, namoonni garuu hujiin isaanii waan hamaa ta'eef ifa caalaa dukkana jaalatan. Namni hamaa hojjatu maruu ifa jibba. Hujiin isaa akka jalaa ifa hin baaneef gara ifaa hin dhufu. Namni dhugaa hojjatu ammo hujiin isaa akka ajaja Rabbiititti hojjatamuun isaa akka mudhatuuf gara ifaa dhufa.» Achiin maayessa Yesuus darasoota ufii woliin gara biyya Yihuuda'aa dhaqe. Achitti isaan woliin taa'ee cuupha'aa ture. Yohaannis akkasuma naannoo Saaleemii bakka Heenoon jedhamtutti bisaan guddaan waan jiruuf achitti cuupha'aa ture. Namoonni achi dhaqanii cuuphaman. Wonti kun uduu Yohaannis hin hidhamne ta'e. Kanaafuu darasoota Yohaannisiitii fi Yihuudota jiddu'utti waan qulqullumma'aatiif mormiin ka'e. Isaan gara Yohaannisii dhufanii, «Barsiisaa'a! namichi Yoordaanosiin gamatti si woliin jiru, ka ati waan isaa ragaa baateef sun waan cuupha'aa jiruuf namni maruu gara isaa dhaqa'aara!» jedhanii itti himan. Yohaannis deebisee akkana isaaniin jedhe, «Yoo samii irraa kennameef malee namni waan tokkollee argatuu hin danda'u. ‹Ani Kiristoosii miti; haa ta'uu ammo isaan dura ergameera› akka ani jedhe isinuu ragaa naa baatan. Ka idaayyittiin jette inni Idaayya'a. Jaalli dhaabatee dhagayu ammo laagaa Idaayyichaatitti guddisee gammada. Eeganaa gammachuun kiyya raawwatame. Inni guddatee; ani diqqaachuu woyya.» Ka olii dhufu maraa caala. Ka lafaa ammo kama lafaati. Woma lafaa dubbata; ka sami'ii dhufu maraa caala. Inni waan argee fi waan dhagaye ragaa baya; ka ragaa isaa dhagayu ammo hin jiru. Namni ragaa kana dhagayu ammo akka Rabbi dhugaa ta'e dhugoomse. Namni Rabbi erge dubbii Rabbii dubbata; Rabbi Ayyaana ufii bikkee waan hin kennineef Abbaan Ilma ufii hin jaalata; waan maraa isatti kenneera. Namni Ilma isaatitti amane jeennata argata. Namni ilma isaatitti hin amanne dheekkamsi Rabbii waan isa irra jiruuf jeennata hin argatu» jedhe. Hennaa san Fariisonni Yesuus Yohaannisiin caalaa'a darasoota akka eda'atee fi akka cuupha'aaru akka dhagayan Yesuus haga beeke, Hennaa achi dhaqu karaa Samaariya'aatiin lufuu waan isa barbaachisuuf. Kanaaf gara qachaa Samaariya'aa ta Sikaar jedhamtuu dhufe, qachaan sun lafa Yaaqoob ilma ufii Yooseefii kennetti dhiyo'o. Bisaan boolla Yaaqoobiititu achi ture. Yesuus waan deema'aa oolee dadhabeef boolla bisaanii san bira taa'e; hennaan sun guyyaa keessa gara sa'aatii jahaati. Dubartiin Samaariya'aa takka bisaan woraabbatu'uuf dhufte, Yesuus isi'iin, «Bisaan na obaas!» jedheen. Hennaa san darasoonni isaa waan nyaatan bitu'uuf gara qacha'aa deemanii turan. Hennaa tana dubartiin Samaariya'aa sun, «Ati nama Yihuudii taatee, attamitti ana dubartii Samaariya'aatiin ‹bisaan na obaas› jetta?» jetteen; waan Yihuudonni worra Samaariya'aa woliin wolii hin galleef. Yesuus deebisee, «Uduu kennaa Rabbiitii fi ka bisaan na obaas siin jedha'aaru eennuun akka ta'e beettee silaa situ na kadhata; innillee silaa bisaan jireennaa sii kenna» isi'iin jedhe. Dubartittiin sunillee akkana jetteen, «Gooftaa'a! ati waan woraabbattuun hin qabdu; boollillee gad fago'o; eegasuu bisaan jireennaa kana eessaa argatta ree? Ati horomaa abbaa keenna Yaaqoobiin ka boolla bisaanii kana nuu kenne, ka inninii fi ijoolleen isaa, horiin isaa maruu bisaan kana irraa dhugan caaltaa?» jetteen. Yesuus deebisee, «Ka bisaan kana irraa dhugu maruu deebi'ee dheebota; Ka bisaan ani kennu irraa dhugu maruu ammo baraa haga bara baraa hin dheebotu; bisaan Ani kennu isa keessatti burqaa jireennaa ka bara baraan isa keessaa burqu ta'a» isi'iin jedhe. Dubartittiinillee, «Gooftaa kiyya! akka deebi'ee hin dheebonnee fi bisaanillee woraabu'uuf akka as hin deebine bisaan kana naa kenni» jetteen. Yesuus, «Deemii abbaa manaa kee waamii koottu» isi'iin jedhe. Dubartittiin ammo deebiftee, «Ani abbaa manaa hin qabu» jetteen. Hennaa kana Yesuus akkana jedheen, « ‹Abbaa manaa hin qabu› jechuun kee dhuga'a. Ati abbaa manaa shan waan qabduuf, ammumaa ka si woliin jirullee abbaa manaa keetii miti. Kanaaf dhugaa dubbatte.» Dubartittiin, «Gooftaa kiyya! akka ati raagaa taate arga. Abbootiin teenna gaara kanatti sagadan. Isin ammo Yihuudonni namni ka itti sagadu barbaachisu Yerusaalemitti jettan» jetteen. Yesuusillee akkana isi'iin jedhe, «Dubartii nana! na amani; gaara kana gubba'atti yookaan Yerusaalemitti hennaan isin Abba'aaf hin saganne hin dhufa. Isin waan hin beennee sagaddan; nu ammo fayyinni karaa Yihuudotaatiin waan ta'eef ka beennuuf saganna. Haa ta'uu ammo worri dhuga'aan sagadan hennaan Aabba'aaf Ayyaana dhuga'aatiin sagadan hin dhufa. Ammumaa ta'eera. Abbaan akka isaa sagadaniif worra akkanaa kanniin waan barbaaduuf. Rabbi Ayyaana, worri Isaa sagadanillee dhuga'aa fi Ayyaanaan sagadu'utu isaan barbaachisa » jedheen. Dubartittiin ammo, «Kiristoos ka jedhamu Masihiin akka dhufu hin beeka; inni yoo dhufe waan maraa nutti hima» jetteen. Yesuus deebisee, «Ka amma si woliin qaaqa'aaru Ani isaa bee» isi'iin jedhe. Hennaa darasoonni isaa deebi'anii dhufan; Yesuus dubartii woliin ka qaaqa'aaru arganii maalalfatan; haa ta'uu ammo ka isi'iin «Maal barbaadda?» yookaan namni, «Maaf isii woliin qaaxxa?» isaan jedhe hin jiru. Kanaan maayessa dubartittiinillee ottee ufii dhiiftee gara qacha'aa deemtee namootaan, «Kootta'aatii nama waan ani godhe maraa natti hime laalaa'a. Ani hin beeku inni Kiristoosiin ta'innaa laata?» Jette. Namoonnillee qachaa keessaa yaa'anii gara isaa dhaqa'aa turan. Uduu kun ta'aa jiru darasoonni isaa, «Barsiisaa'a! mee waa nyaadhu!» jedhanii kadhataniin. «Ani waan nyaadhu ka isin hin beenne qaba» isaaniin jedhe. Kanaaf darasoonni, «Waan nyaatu namni woyii fideefii jiraatinnaa?» woliin jedhan. Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Nyaanni kiyya, fedha ka na ergee raawwachu'uu fi hojii isaa fixu'u. Isin haga ammaa haamaan hin geenne ‹Ji'a afurtu hafa› woliin jettanii mii ree? Ani isinitti himaa, ija keessan ol kaasa'aa midhaan amma gayee akka daalachate maasaa achi laalaa'a. Namni haamu gatii argata; ka facaasuu fi ka haamullee akka woliin gammadan; jeennataafillee daraaraa wolitti qabata. ‹Tokko hin facaasa; tokko ammo hin haama› jechi jedhu kanaan dhugaa ta'eera. Anillee waan isin itti hin dadhabne akka haamtaniif isin erge, kuuwwan itti dadhaban; isin ammo dadhabbii isaanii keessaa faayidaa argattan» isaaniin jedhe. Dubartittiin, «Ka waan ani godhe maraa natti hime» jettee waan ragaa isaa baateef namoonni qachaa Samaariya'aa hedduun isaanii itti amanan. Namoonni Samaariya'aa hennaa gara isaa dhufan akka inni isaan woliin jiraatuuf kadhataniin. Innillee haga guyyaa lamaa achi oole. Sababa dubbii isaatiif namoonni hedduu ka duraa caalaa isatti amanan. Isaan dubartii saniin, «Amma nu wonti isatti amannuuf, waan ati jetteefii miti; nu'uu waan isa dhageenneef; innillee dhugamaan Kiristoos qoricha adunya'aa akka ta'e hin beenna» jedhan. Guyyaa lamaan maayii achii bayee gara Galiila'aa deeme. Inninuu, «Raanni biyya ufiititti akka hin kabajjamne» dubbateera. Haa ta'uu ammo hennaa inni Galiilaa gaye worri Galiila'aa haala misha'aan isa simatan. Kunillee wonti ta'eef ayyaana Faasika'aatiif gara Yerusaalemii dhaqanii hennaa achi turan san waan inni achitti godhe mara waan arganiiraniif. Yesuus deebi'ee gara Qaanaa Galiila'aa hulee bisaan gara daadhii woyinii itti jijjiiree san dhaqe. Qifirnaahoomittillee bulchaa mana mooti'ii keessaa, ka mucaan isaa jalaa dhibame tokkotu jira. Inni Yesuus Yihuuda'aa gara Galiila'aa akka dhufe dhagayee mucaan isaa dhibamee waan lubbameeruuf gara isaa dhaqee akka isaa fayyisuuf kadhateen. Kanaafuu Yesuus, «Malkataa fi maalalee yoo argitan malee sirima hin amantan» jedheen. Bulchaanillee, «Gooftaa kiyya! daa'imni kiyya uduu na jalaa hin duune naa dhaqqabi» jedheen. Yesuus, «Gara mana keetii deemi! mucaan kee fayyeeraa!» jedheen. Namichi dubbii Yesuus itti hime amanee deeme. Innillee uduu gala'aaru hojjattoonni isaa isa arganii, «daa'imni bee hin fayyee» jedhanii itti himan. Inni hennaa inni itti woyyate jara gaafate. Isaanillee, «Kaleessa sa'aatii torbatti oo'i dhiiseen» jedhaniin. Abbaanillee, Yesuus, «Mucaan kee fayyeera» hennaan jedheen sa'aatii san akka ta'e qaabate. Kanaafuu innillee maatii ufii maraa woliin amane. Kunillee akkasuma Yesuus Yihuuda'aa gara Galiila'aa haga dhufeen maayessa; kana woliin maalalee lammeesso'oo hojjate. Kanaan maayii Yesuus ayyaana Yihuudotaatii fi gara Yerusaalemii ol baye. Yerusaalemiin keessa karra hoolotaa bira haroon afaan Ibraayisxiitiin «Beetasaayidaa» jedhamtu takkatu jira, isiin karaa ittiin seenan shan qabdi. Kanniin keessatti baniin hedduu worri dhibame, worri ijaan hin argine, worri naafate, worri nafti isaanii laamshaye socho'uu bisaanii eega'aa achi ciisan. Hennaa gari garii Maleekkaan Rabbii bu'ee bisaan waan sochoosuuf. Haga bisaan socho'een maayessa, hennaa san namni firrisee bisaan keessa seene dhibee maraa irraa hin fayya. Hulee san namicha woggaa soddomii saddeetaaf dhibame tokkotu jira. Yesuus namicha kana uduu inni achi ciisu argee, bara hedduu haala akkasii keessa akka ture beekee, «Fayyuu barbaaddaa?» jedheen. Dhibamaan sun, «Gooftaa kiyya! hennaa bisaan socho'u nama achi keessa na buusu hin qabu; yoo ani bu'uuf tattaafadhu ka biraatitu na firrisee keessa bu'a» jedhee deebiseef. Yesuus, «Ka'i! itillee irra ciiftu baadhadhuu deemi» jedheen. Namichi yoosuu fayyee itillee ufii baadhatee deeme. Guyyaan sun Sambata ture. Kanaafuu Yihuudonni namicha fayye saniin, «Guyyaan Sambata waan ta'eef itillee irra ciiftu baadhattee akka deemtu seerri sii hin kennu» jedhaniin. Inni ammo, «Namicha na fayyise santu, ‹Itillee tee baadhadhu deemi!› naan jedhe» jedhee isaanii deebise. Isaanillee, «namichi itillee tee baadhadhuu deemi siin jedhe eennu?» jedhanii gaafataniin. Haa ta'uu ammo hulee san baniin heddu waan tureef Yesuus achii siiqee waan tureef namichi isa fayyise eenuun akka ta'e hin beenne. Achiin maayii Yesuus mana woyyuu keessatti isa argeenii, «Kunoo fayyiteerta; wonti kana caalu akka si irra hin geenne ammaa achi cubbuu hin hojjatin» jedheen. Namichi deemee ka isa fayyise Yesuusiin akka ta'e Yihuudotatti hime. Waan guyyaa Sambataatiin waan kana godheef Yihuudonni Yesuusiin reebanii ajjeesu'uuf soqa'aa turan. Yesuus ammo, «Abbaan kiyya haga adhaa hin hojjata; anillee akkasuma hin hojjadha» isaaniin jedhe. Eeganaa waan Sambata diige calla'aafii miti, akkasuma Rabbi abbaa kiyya jedhee Rabbiin waan uf qixxeesseef, Yihuudonni isa ajjeesu'uuf guddisanii soqaniin. Kanaaf Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe. «Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, waan Aabba uduu godhu arge malee, ilmi baallii ufiitiin womaa godhuu hin danda'u; waan Aabba hojjatu; Ilmillee akkasuma waan hojjatuuf. Aabba Ilma waan jaalatuuf, waan godhu maraa itti mudhisa, akka isin maalalfattaniif hujii kana caalu isatti mudhisa. Akkuma Aabba, worra du'an kaasee jireenna isaanii kennu, akkasuma ilmillee worra jaalatuuf jireenna kenna. Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka dubbii kiyya dhagayu, ka ana ergettillee ka amanu jeennata argata; du'aa gara jireennaatitti ceeyeera; gara murtii du'aa hin dhufu. Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, worri du'an hennaan laagaa Ilma Rabbii dhagayan hin dhufa; innillee ammuma. Worri dhagayan lubbu'uun jiraatan. Akkuma Aabba ufitti jireenna qabu, Ilmillee akkasuma ufitti jireenna akka qabaatuuf isaa waan kenneeruuf, Ilma Namaa waan ta'eef akka murtii kennuuf baallii kenneef. Worri awwaala keessa jiran martuu sa'aatiin laagaa isaa dhagayan hin dhufa. Worri waan mishaa hojjatan jireennaaf ka'an; worri dhara hojjatan murti'iif du'aa waan ka'aniif kana hin maalalfatinaa'a. «Ani baallii kiyyaan womaa godhuu hin danda'u. Akkuma dhagayetti murteessa. Murtiin kiyyallee qajeela'a. Fedha ka ana ergee malee fedha kiyya hin barbaadu. Ani waan kiyya waan mataa kiyyaa yoo rage, ragaan kiyya dhuga'aa miti. Ka waan kiyya ragu ka biraati, ragaan inni waan kiyya ragu akka dhugaa ta'e hin beeka. Isin gara Yohaannisii namoota ergitaniirtan; innillee dhuga'aaf rageera. Ani ammo nama irraa ragaa hin fuudhu. Akka isin fayyitaniif kana jedha malee. Inni ibsoo bobayuu fi ifu. Isinillee bara diqqo'oof ifa sanitti gammaduu barbaaddan. Ani ammo ragaa ragaa Yohaannisii caalu qaba. Aabba akka raawwaadhuuf hujii naa kenne. Hujiin hojjata'aaru kun, Aabba akka na erge waan kiyya waan raguuf. Aabbaan na ergellee waan kiyya rageera. Isin laagaa isaa womaa hin dhageenne. Bifa isaallee hin argine. Isin ka inni ergetti waan hin amanneef, dubbii isin woliin jiraatu hin qabdan. Isin kitaabbilee woyyootaan waan jeennata argattan waan isinitti fakkaatuuf isaan qortan. Isaan garuu waan kiyya ragan! Haa ta'uu ammo jeennata argatu'uuf gara kiyya dhufuu hin feetan. «Ani nama irraa ulfinna hin barbaadu. Haa ta'uu ammo isin jaalala Rabbii akka uf keessaa hin qabne hin beeka. Ani maqaa abbaa kiyyaatiin dhufeera. Isin garuu na hin simanne ka biraa uduu maqaa ufiitiin dhufee isa ammo hin simattan. Isin ka wolii ulfinna kennitan ulfinna Rabbii tokkicha irraa dhufu worri hin barbaanne attamitti amanuu dandeettan? Ani Abbaa kiyya biratti waan isin himadhu isinitti hin fakkaatin. Ka isin himatu hin jira jedhe; inni Muusee isin abdii godhattan. Silaa uduu Muuse'ettuu amantanii jiraattanii, nattillee hin amantan. Inni waan kiyya waan barreesseeruuf. Isin ammo kitaabota yoo hin amanne dubbii kiyya attamitti amanuu dandeettan? Kanaan maayessa Yesuus galaana Galiila'aa ka Xibiriyaadoos jedhamu ceeyee haga qaccee galaanaa fagoo dhaqe. Maalalee inni dhibamtoota irratti godhe waan arganiif baniin hedduu isa faana deeme. Yesuus gara gaaraa ol bayee darasoota ufii woliin achi taa'e. Hennaa san Faasikaan Yihuudotaa dhiyaatee ture. Yesuus ol jedhee baniin hedduu gara isaa uduu dhufu arge; Filiphoosiin, «Xoroshoo namoonni kunniin nyaatan eessaa binnaaf?» jedheen. Inninuu waan godhu'uuf ta'u waan beekuuf, waan inni godhu laalu'uuf kana jedhe. Filiphoos, «Isaan martinuu diqqo diqqoo akka afaaniin qaban uduu binnee; xoroshoon saantibii dhibba lamaatuu hin gayuuf» jedhee deebiseef. Darasoota keessaa tokko obboleessi Simoonii Pheexroos Indiriyaas, «Mucaan xoroshoo garbu'uu shanii fi qurxummii lamaan qabateeru tokko as jira jedhe. Haa ta'uu ammo namoota haganaa maraaf hin gayu» jedheen. Yesuusillee, «Namoota akka taa'an godhaa'a» jedhe. Hulee san marga gudda'atu jira. Worri dhiiraa ka taa'an laakkobsi isaanii haga kuma shanii gaya. Yesuus xoroshoo ol fuudhee galatoonfatee darasootatti kenne. Darasoonni worra taa'aniif kennan. Akkasuma qurxummiillee haga isaan barbaadan hireef. Innillee haga quufaniin maayii darasootaan, «Wonti tokko uduu hin hafin hambaa hafe marumaa wolitti qabaa'a» isaaniin jedhe. Kanaafuu wolitti qaban. Xoroshoo garbu'uu shanan nyaatan keessaa hambaan hafe masoobii kudha lamaa ta'e. Sababaa kanaaf namoonni haga maalalee Yesuus godhe arganiin maayii, «Kun dhugama raaga gara adunyaa kanaa dhufe!» jedhan. Sababa kanaaf Yesuus akka isaan hunnaan isa qabanii mootii isa godhachu'uuf itti dhufa'aaran beekee hojja ufii gara gaaraa ol baye. Hennaa galgalaaye darasoonni gara galaana Qifirnaahoomii gad bu'an; yabala yaabbatanii gama ceeyu'uuf ka'an; hennaan galgala ture, Yesuus gara isaanii hin dhufne ture. Bubbeen jabaan waan guddisee bubbiseef galaanni raafame. Haga kiiloo meetira jahaa keessa deemaniin maayii, Yesuus galaana irra deema'aa gara yabala isaanii hennaa dhiyaate arganii isa sodaatan. Inni ammo, «Anaa hin sodaatinaa'a!» isaaniin jedhe. Kanaaf yabala isaaniitiin isa fudhachuu barbaadan. Yoma san yaballi isaanii gara lafa qarqara bisaanii geette. Baniin haga lafti bari'e galaana gama dhaabatanii turan. Yabala takkatti'ii achi Yaballi biraa akka achi hin jirree fi darasoonni isaa ufumatti waan deema'aaraniif, Yesuus darasoota woliin gara yabalaa akka hin seenne argan. Haa ta'uu ammo Yaballan biraa gara hulee Gooftaan buddeena itti eebbisee nyaatan san gara Xibiriyaadoosii dhufan. Baniinillee Yesuus yookaan darasoonni achi akka hin jirre haga argan, ufumaa yabala keessa seenanii Yesuusiin soqa'aa gara Qifirnaahoomii dhaqan. Isaan hennaa galaana gamatti isa argan «Barsiisaa'a! yoomiin garana dhufte?» jedhaniin. Yesuus deebisee, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, wonti na barbaaddaniif waan buddeena nyaattanii quuftaniif malee, waan maalalee argitaniifii miti. Nyaata baduuf hin hojjatinaa'a. Haa ta'uu ammo nyaata jireenna bara baraa ka Ilmi Namaa isinii kennuuf hujaa'a; isa san Rabbi Aabbaan chaapaa ufii waan irra kaayeef.» Isaanillee, «Eeganaa hujii Rabbii hojjachu'uuf maal haa goonu?» jedhaniin. Yesuus deebisee, «Hujiin Rabbii kun, ka inni ergetti akka amantaniif» isaaniin jedhe. Isaan akkana jedhaniin, «Eeganaa arginee akka amannuuf maalaleen ati gootu maali'i? Maal hojjattalle'e? ‹Akka nyaataniif samii irraa xoroshoo kenneeraaf› jedhamee akkuma barreeffame, Abboonni teenna lafa udume'eetitti nyaata sami'ii nyaatan.» Yesuusillee, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha! ka xoroshoo dhuga'aa samii irraa isinii kennu Abbaa kiyya malee Muuse'ee miti. Xoroshoon Rabbii ka sami'ii bu'u ka adunya'aaf jireenna kennu» isaaniin jedhe. Kanaafuu namoonni, «Gooftaa'a! nyaata kana hennaa maraa nuu kenni» jedhaniin. Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Xoroshoon jireennaa Ana; ka gara kiyya dhufu horomaa hin beelawu; ka anatti amanu hennaa maraa horomaa hin dheebotu. Haa ta'uu ammo na argitanii waan hin amanneef kana isiniin jedhe. Ka Aabba naa kennu maruu gara kiyya dhufa. Anillee ka gara kiyya dhufu maraa sirimaa gara diidaa hin baasu. Sami'ii wonti bu'eef fedha kiyya hojjatu'uuf uduu hin taane, fedha ka ana ergee raawwatu'uuf. Fedhiin ka ana ergee, worra inni naa kenne maraa keessaa tokkochallee akka hin balleessine; guyyaa dhumaa akka isa kaasuuf. Namni Ilma isaa argee itti amanu maruu jeennata bara baraa haa argatu'uuf fedhiin abbaa kiyyaa kana. Anillee guyyaa dhumaa du'aa kaasaan. Eeganaa Yihuudonni, «Xoroshoon sami'ii bu'e ana» waan jedheef isatti guunguman. «Kun Yesuusii ilma Yooseefii ka haadhaa fi abbaa isaa beennuu mii? Eeganaa attamitti, ‹Sami'ii bu'e› jedha ree?» jedhan. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Ufii wolitti hin gururi'inaa'a. Abbaan na erge yoo ufitti waame malee ka gara kiyya dhufuu danda'u hin jiru. Anillee guyyaa dhumaa san du'aa isa kaasa. ‹Isaan martinuu worra Rabbiin irraa baratan ta'an› jedhamee raattotaan barreeffameera. Eeganaa ka Abbaa irraa dhagayee fi ka barate maruu gara kiyya dhufa. Namni Aabbaan arge eennullee hin jiru. Ka Rabbiin biraa dhufetu Aabbaan arge malee. Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka natti amane jireenna bara baraa qaba. Nyaanni jireennaa ana. Abbootiin teessan lafa udume'ee keessatti nyaata mannaa jedhamu nyaatan; haa ta'uu ammo hin du'an. Namni isa irraa nyaate akka hin duune xoroshoon amma sami'ii bu'e kana. Nyaanni sami'ii bu'e jiraataan Ana. Namni buddeena kana irraa yoo nyaate, bara baraan jiraata. Nyaanni jireenna ka ani adunya'aaf kennu foon kiyya» isaaniin jedhe. Eeganaa Yihuudonni, «Namni kun attamitti foon isaa haa nyaannu'uuf nuu kennuu danda'a?» jedhanii wol morman. Kanaafuu Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, yoo foon Ilma Rabbii nyaattanii fi dhiiga isaallee yoo dhuguu dhabaattan, ufitti jireenna bara baraa hin qabdan. Ka foon kiyya nyaatuu fi ka dhiiga kiyyallee dhugu jireenna bara baraa qaba. Anillee guyyaa dhumaa du'aa isa kaasa. Foon kiyya nyaata dhuga'aati; dhiinni kiyyallee dhuddoo dhuga'aa waan ta'eef. Ka foon kiyya nyaatee fi ka dhiiga kiyyallee dhuge na keessa jiraata; Anillee isa keessa jiraadha. Akkuma Aabbaan jiraataan na erge, anillee akkuma sababaa Abbaa kiyyaatiin jiraataa ta'u, akkasuma ka ana nyaatullee sababaa kiyyaan jiraataa ta'a. Nyaanni samii irraa bu'e kana. Akka Abbootiin teessan nyaata sami'ii ka mannaa jedhamu nyaatanii du'anii miti. Ka nyaata kana nyaate haga bara baraa jiraata. Yesuus waan kana Qifirnaahoomitti mana sagada Yihuudotaa keessatti uduu barsiisu jedhe. Darasoota keessaa hedduun isaanii hennaa kana dhagayan, «Kun dubbii nama qaajjibbeessu; eentu isa dhagayuu danda'a?» jedhan. Yesuus ammo darasoonni waan kanaaf akka gururi'an garaa ufii keessatti beekee akkana isaaniin jedhe, «Kun isin gufachiisaa? Eeganaa Ilmi Namaa gara hulee dura tureetitti hennaa ol bawu yoo argitan atta ta'ittu? Ka Jireenna namaa kennu Ayyaana Rabbiiti. Foon womaa hin fayyadu, dubbiin ani isinitti hime Ayyaana, jireennalle'e. Haa ta'uu ammo isin keessaa worri hin amanne hin jiran.» Yesuusillee worri hin amanne eennu fa'aa akka ta'an; ka dabarsee isa kennullee eennuun akka ta'e durumaa waan beekuuf. Kanaaf akkana isiniin jedha, «Yoo Aabbaan irraa kennameef malee, ka gara kiyya dhufuu danda'u hin jiru» jedhe. Sababaa kanaaf darasoota keessaa heddu isaanii gara duubaa deebi'an; achiin maayessa isa woliin hin deemne. Yesuusillee darasoota kudha lamaaniin, «Isinillee ammo deebitanii deemuu barbaaddanii?» jedhe. Simoon Pheexroos, «Gooftaa kiyya! gara eennuu deemna? Ati dubbii jireenna bara baraa qabda. Nullee ati Kiristoos Ilma Rabbii jiraata'aa akka taate amanneerra; beenneerralle'e» jedhee deebiseef. Yesuusillee, «Ani kudha lamaan keessanii mii ka filadhe? isin keessaa tokko daabiloos» jedhee isaanii deebise. Waan kana Yihuudaa ilma Simoonii ka biyya Keriyootiitiif dubbate. Inni kudha lamaan keessaa ta'ullee, ka Yesuusiin dabarsee kennu'uuf ta'u isa waan ta'eef. Kanaan maayessa Yihuudonni Yesuusiin ajjeesu'uuf soqa'aa turan; kanaaf waan Yihuudaa keessa deddeebi'uu hin feeneef Galiilaa keessa deddeema'aa ture. Ayyaanni Yihuudotaa ka daasee keessatti kabajjan dhiyaatee ture. Eeganaa Obboleeyyan, «Darasoonni teellee hujii ati hojjattu akka arganiif asii ka'iitii gara Yihuuda'aa deemi. Ka uf mudhisuu barbaadu ka dhossa'atti hojjatu waan hin jirreef, yoo waan kanniin gootu adunyaa tanatti uf mudhisi» jedhaniin. Obboleeyyan isaatuu isatti amananii waan hin jirreef. Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Yeroon kiyya waan hin geenneef hennaan keessan ammo yoo maraa ka tole. Adunyaan isin jibbuu hin dandeettu; ani ammo waan hujiin isi'ii dhara ta'uu isi'itti raguuf ana na jibbiti. Isin gara ayyaana kanaa bayaa'a, ani ammo hennaan kiyya waan hin raawwatamneef, gara ayyaana kanaa hin bayu.» Kana isaaniin jedhee Galiila'atti hafe. Obboleeyyan isaa ammo haga gara ayyaanaa bayaniin maayii hennaa san innillee akkasuma addaataa uduu hin taane dhokatee baye. Yihuudonnillee, «Inni eessa jira?» jedha'aa Ayyaana irratti soqa'aa turan. Banii jiddu'utti waan isaatiif guungummii heddutu ture. Gari gariin isaanii, «Inni nama misha'a» gariin ammo, «Banii dogoggorsa'aara» jedhan. Haa ta'uu ammo, Yihuudota waan sodaataniif eennullee waan isaa addaataa hin dubbatu. Ammallee uduu ayyaanni hin dhumanne wodhakka'aan Yesuus gara mana woyyu'uu dhaqee barsiisa'aa ture. Yihuudonni, «Namni kun uduu hin baranne attamitti kitaabbilee beeka?» Jedha'aa maalalfatan. Kanaaf Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Barumsi kiyya ka ana erge biraa malee ana irraa miti. Ka fedhii isaa raawwatuu jaalatu yoo jiraate, inni barumsi kun Rabbiin irraa yoo ta'e yookaan ka ani uf irraa dubbadhu yoo ta'e hin beeka. Ka uf irraa dubbatu ulfinna ufii barbaada. Ulfinna ka ergee ka barbaadu ammo inni nama dhuga'aati. Isa keessa hammeenni hin jiru. Muuseen seera isinii hin kenninee? Isin keessaa ammo tokkochillee ka seera raawwatu hin jiru. Maaf na ajjeesuu barbaaddan?» Baniin deebisee, «Jinnii qabda! Eentu si ajjeesuu barbaada?» jedhaniin. Yesuusillee akkana jedhe isaanii deebise, «Hujima tokko hojjadhee jennaan isin maruu maalalfattan. Kanaafuu Muuseen gadoomuu isinii kenne, seerri kun abboota irraa malee Muusee irraa miti, Sambataanillee nama gadoomsitan. Namni Sambataan gadoome yoo seera Muuse'ee hin diinne, Ani Sambataan nafa namaa guutuu fayyise'eef naan loltanii? Fuula namaa laala'aa murteessuu dhiisaa'a; murtii qajeelaa murteessaa'a.» Kanaafuu namoonni Yerusaalemii gariin akkana jedhan, «Ka ajjeesu'uuf soqa'aaran kanaamii? Kunoo addaataa dubbata'aara isaan ammo isaan womaa hin jenne. Bulchoonni namni kun dhuga'aan Kiristoosiin akka ta'e beekinnuu? Nu ammo namni kun nama eessaa akka ta'e beenneerra. Kiristoos hennaa dhufu eessaa akka ta'e eennullee hin beeku.» Eeganaa Yesuus mana woyyuu keessatti uduu barsiisu, «Ana na beettan, eessaa akka dhufe ammo hin beettan. Ani ufiin hin dhufne. Haa ta'uu ammo ka ana erge ka isin hin beenne sun ka dhuga'aati. Laagaa ufii ol fudhatee ani isa biraa dhufe, inni waan na ergeef ani isa hin beeka» jedhe. Kanaaf isa qabu'uuf soqa'aa turan. Haa ta'uu ammo hennaan waan hin geenneef eennullee harkaan isa hin tundhe. Banii keessaa namoonni hedduu waan itti amananiif, «Kiristoos hennaa dhufe, maalalee kun godhe caalaa godha?» jedhan. Fariisonni baniin waan isaa akka guunguma'aaran dhagayan. Kanaaf bulchaan gadootaatii fi Fariisonni isa qabu'uuf eedduu mana woyyu'uu itti ergan. Yesuusillee, «Amma hennama diqqoo isin woliin tura, achiin maayessa gara ka ana ergee deema, na soxxan ammo na hin argitan. Isin gara ani jiru dhufuu hin dandeettan» jedhe. Eeganaa Yihuudonni, «Akka nu isa hin argine eessa deemu'uuf ta'aa? Gara worra Giriikiin jiddu'utti bittinnaayaniiranii deemee barsiisu'uuf ta'aa? Innillee, ‹Na soxxan, ammo na hin argitan, gara ani jirullee dhufuu hin dandeettan› jechi jedhu kun maali'i?» jedha'aa woliin qaaqan. Guyyaa guddaa gaafa dhuma ayyaanaa Yesuus dhaabatee, «Eennullee ka dheebote yoo jiraate gara kiyya dhufee haa dhuguu. ‹Ka anatti amanu akkuma kitaabni jedhe, bisaan laga jireennaatituu gara'aa burqa› » jedhee laagaa ol qabatee dubbate. Kana ammo waan Ayyaana Woyyu'uu ka worri isatti amanan argatu'uuf ta'uu san dubbate. Waan Yesuus gara ulfinnaa ol hin bayiniif Ayyaanni Woyyuun hennaa san hin kennamne ture. Kanaafuu banii keessaa namoonni hedduu dubbii kana haga dhagayan, «Inni dhugamaan raaga» jedhan. Kuuwwan, «Kiristoos» jedhan. Kuuwwan ammo, «Kiristoos dhuga'aan Galiila'aa dhufaa? Akka Kiristoos fiixaa Daawitii keessaa dhalatuu fi akka inni Beeteliheemii qachaa Daawitiitii dhufu kitaabni hin dubbatuu?» jedhan. Achiin maayessa sababaa isaatiif baniin wol fooye. Isaan keessaallee gari gariin qabu'uunii barbaadan. Haa ta'uu ammo eennullee harkaan isa hin tundhe. Worri mana sagadaa eegan gara bulchoota gadootaatii fi gara Fariisotaa hennaa deebi'anii dhufan Isaan, «Maaf isa fiduu diddan?» isaaniin jedhan. Eeddoonni mana sagadaa sun, «Eennullee akka nama kanaa horomaa hin dubbanne» jedhanii deebisaniif. Eeganaa Fariisonni, «Isinillee akkasuma dogoggortanii? Bulchoota yookaan Fariisota keessaa ka isatti amane jiraa? Baniin seera hin beenne kun abaarama'a!» isaan jedhan. Isaan keessaa Niqoodimoos halkaniin firrisee gara isaa dhufee, «Seerri keenna dura isa irraa uduu hin dhageenne, maal akka godhe uduu hin beenne namatti murteessaa?» isaaniin jedhe. Isaanillee deebisanii, «Atillee akkasuma nama Galiila'aatii? Raanni namoota Galiila'aa keessaa akka hin kaane qorii laali» jedhaniin. Achiin maayessa martinuu gara mana ufii deeman. Kanaan maayessa Yesuus gara gaara ejersaa dhaqe. Ganamallee akkasuma gara mana woyyu'uu dhufe; baniin maruu gara isaa dhufan; innillee taa'ee isaan barsiise. Barsiisonninii fi Fariisonni dubartii seebaru'uun qabamte takka gara isaa fidan; isii wodhakkaa dhaabsisanii, Yesuusiin, «Barsiisaa'a! dubartiin tun ta seebartu; kanaaf qabnee sitti finne. Muuseen ta akkanaa tanniin akka tumaman seeraan nu ajajeera, ati hoo waan isi'ii maal jetta?» jedhaniin. Isaanillee waan isa ittiin himatan argatu'uu fi isa qoru'uuf kana jedhan. Yesuus ammo gad jedhee quba ufiitiin lafa irratti barreesse. Deddeebi'anii hennaa gaafataniin ammo ol jedhee, «Isin keessaa ka cubbuu hin qabne firrisee dhaga'aan isii haa dhayuu» isaaniin jedhe. Ammallee gad jedhee quba ufiitiin lafa irratti barreesse. Isaanillee hennaa kana dhagayan manguddoota irraa jalqabanii isaan martinuu tokko tokkoon bayanii isa biraa lixan. Yesuus dubartii jidduu isaanii dhabattee turte woliin hojja ufii hafe. Yesuus ol jedhee dubartii sanii achitti eennuunillee haga dhabe, «Dubartii nana jarri si himatan sunniin meeti? worri sitti murteesse hin jiruu?» isi'iin jedhe. Isiinillee, «Gooftaa'a! eennullee hin jiru» jette. Yesuusillee, «Anillee sitti hin murteessu, Deemi; ammaa achi cubbuu hin hojjatin» jedheen. Ammallee Yesuus, «Ani ifa adunya'aati, ka ana faana deemu, ifa jireennaatitu ta'aaf malee dukkana keessa hin jiraatu» jedhee isaanitti dubbate. Fariisonnillee, «Ati waan kee radda, ragaan kee dhuga'aa miti» jedhaniin. Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Ani yoo waan kiyyallee rage, eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu waan beekuuf ragaan kiyya dhuga'a. Isin ammo eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu hin beettan. Isin yaada namumma'aatiin murteessitan; Ani nama tokkottillee hin murteessu. Aabbaan ana erge na woliin jira; hojja kiyya waan hin jirreef, Ani yoo murteesse murtiin kiyya dhuga'a. Murtiin namoota lamaa dhugaa akka ta'e seera keessan keessatti barreeffameera. Waan kiyya ka ragu ana, Aabbaan na ergellee waan kiyya raga.» Hennaa san isaan, «Eegasuu abbaan kee eessa jira?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee, «Anallee yookaan Abbaa kiyyallee hin beettan, ana uduu beettanii Abbaa kiyyallee silaa hin beettan» isaaniin jedhe. Yesuus uduu mana woyyu'uu keessatti barsiisu, mana qabeennaa biratti kana dubbate, yoo san hennaan waan hin geenneef eennullee isa hin qabne. Yesuus ammallee, «Ani hin deema; isinillee na soxxan, cubbuu keessaniin duutan; gara ani dhaqu isin dhufuu hin dandeettan» isaaniin jedhe. Yihuudonnillee, « ‹Gara ani dhaqu isin dhufuu hin dandeettan› jechuun isaa uf ajjeesaa laata?» hin beennu jedhan. «Isin ka gadiiti; ani ammo ka oliiti; isin worra adunyaa tanaati, ani garuu ka adunyaa kanaatii miti.» Eegasuu, «Isin cubbuu keessaniin duutan» isiniin jedha. Ani akka ‹Ana› ta'e yoo amanuu dhabaattan cubbuu keessaniin duutan» isaaniin jedhe. Eeganaa, «Ati eennu?» jedhaniin. Yesuusillee, «Ani isuma duratti isinitti dubbadhe san. Ani waan keessan waan dubbadhuuf waan murteessu waan hedduu qaba. Haa ta'uu ammo ka ana erge ka dhuga'aati; anillee ka isa irraa dhagaye kana adunya'atti dubbadha» isaaniin jedhe. Waan Aabbaa akka isaanitti hime isaan hin hubanne. Kanaaf Yesuus, «Hennaa Ilma Namaa ol ol qabdan, akka ani isa ta'e akka Abbaan kiyya na barsiisee kana akka dubbadhuuf malee ani ufumaan waan tokkollee akka hin goone hennaa san beettan. Ka ana erge na woliin jira. Ani hennaa maraa waan isa gammachiisu waan hojjadhuuf Aabba hojja kiyya na hin dhiisu» isaaniin jedhe. Hennaa inni kana dubbate heddu isaanii isatti amanan. Isaanillee deebisanii, «Nu fiixaa Abrahaamiiti; garuu nu hennaa kamiinillee garbicha hin taane; Ati attamitti, ‹Bilisa baatan› nuun jetta?» jedhaniin. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha; ka cubbuu hojjatu maruu garbicha cubbu'uuti. Garbichi baraa haga bara baraa mana keessa hin jiraatu. Ilmi ammo haga bara baraa jiraata. Eeganaa Ilmi yoo bilisa isin baase, dhugamaan bilisa baatan. Akka isin fiixaa Abrahaamii taatanillee ani hin beeka. Haa ta'uu ammo dubbiin kiyya isin keessa waan hin jirreef na ajjeesuu barbaaddan. Ani waan Abbaa kiyya biratti arge dubbadha. Isinillee akkasuma waan abbaa keessan irraa dhageettan gootan.» Isaanillee deebisanii «Abbaan keenna Abrahaam» jedhaniin. Yesuusillee, «Uduu ijoollee Abrahaamii taatanii hujii Abrahaamii hojjattan. Haa ta'uu ammo amma Ana nama dhugaa Rabbiin irraa dhagayee isinitti himu ajjeesuu barbaaddan. Abrahaam ammo waan akkanaa hin goone. Isin hujii Abbaa keessanii hojjattan» isaaniin jedhe. Isaan, «Nu ammo ta seebartu irraa hin dhalanne, Abbaa tokko qabna; Innillee Rabbi» jedhaniin. Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Rabbi uduu Abbaa keessan ta'ee silaa na jaalattan. Ani Rabbiin biraa bayee waan dhufeef; isatu na erge malee ani ufiin hin dhufne. Isin maaf dubbii kiyya hin qalbifanne? Dubbii kiyya dhagayuu waan hin dandeenneef. Isin ka daabiloosii abbaa keessaniiti. Hawwii abbaa keessanii hojjatuu feetan; inni jalqabumaa kaasee lubbuu balleessa. Dhugaan waan isa bira hin jirreef dhuga'aan hin dhaabanne, yoo soballee dubbatu ufuma irraa dubbata; sobaa abbaa sobaa waan ta'eef. Ani ammo waan dhugaa dubbadhuuf na hin amantan. Isin keessaa waan cubbu'uutiif ka ana himatu eennu? Yoo ka dhugaa dubbadhu ta'e, isin maaf na hin amanne? Ka Rabbiin irraa ta'e, dubbii Rabbii dhagaya; isin worra Rabbii waan hin taaneef hin dhageettan.» Yihuudonni deebisanii, «Ati nama Samaariya'aa akka taate; jinniin si keessa jira jechuun keenna mishaa jennee mii?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee akkana jedhe, «jinniin na keessa hin jiru, Ani Abbaa kiyya hin kabajja. Isin ammo na salphiftan. Ani ammo kabajjamuu hin barbaadu. Ka kabajjamuu kiyya barbaaduu fi ka murteessullee ka biraa hin jira. Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha ka dubbii kiyya eegu yoo jiraate baraa haga bara baraa du'a hin argu.» Yihuudonni isaan, «Jinniin akka si keessa jiru amma beenne. Abrahaam du'eera; raattonnillee du'aniiran; ati ammo, ‹Eennullee ka dubbii kiyya eege yoo jiraate sirima baraa haga bara baraa hin du'u› jettee dubbatta. Sirimaa ati abbaa keenna ka du'e Abrahaamiin caaltaa? Raattonillee du'aniiran. Eennuun ta'u'uuf taata ree?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee akkana jedhe, «Ani yoo uf kabajje kabajjaan kiyya duwwa'a. Ka na kabajju ka isin Rabbii keenna jettan Abbaa kiyya san. Isin isa hin beenne; ani ammo hin beekaan, ani uduu isa hin beeku jedhee akkuma keessan sobaa ta'a. Haa ta'uu ammo ani hin beekaan; dubbii isaallee hin eega. Abbaan keessan Abrahaam guyyaa kiyya argu'uuf hawwe; hin arge, hin gammade» Yihuudonni, «Ati uduu woggaa shantamaatuu hin guunne, Abrahaamiin argiteertaa?» jedhaniin. Yesuusillee, «Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, uduu Abrahaam hin dhalatiniin dura ani hin jira» isaaniin jedhe. Kanaafuu isaanillee isa tumu'uuf dhagaa itti fudhatan, Yesuus ammo isaan jalaa uf dhossee isaan jidduu lufee mana woyyu'uu bayee deeme. Uduu karaa san irra lufa'aaru nama urga dhalate irraa jalqabee ka ijaan hin argine ta'ee dhalate tokko arge. Darasoonni, «Barsiisaa'a! akka namni kun ka ijaan hin argine ta'ee dhalatuuf ka cubbuu hojjate eennu? Isa mo'o worra isaati? jedhanii isa gaafatan. Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Akka hujiin Rabbii isa irratti mudhatuuf malee, inni yookaan maatiin isaa cubbuu hin hojjanne. Uduu hin halkanoofne hujii ka na ergee huja. Halkan eennullee hojjachuu hin dandeenne waan dhufuuf. Ani haga adunyaa tana irra jiru, ifa adunya'aati!» Kana jedhee lafatti gad tufee hancufaan biyyee dukkuusee dhoqqee ija namicha ijaan hin arginee dibee, «Gara haroo Saalihoomii dhaqii dhiqadhu» jedheen; «Saalihoom» jechuun «ka ergame» jechu'u. Kanaaf dhaqee dhiqatee arga'aa deebi'e. Ollaan isaatii fi worri achiin dura hennaa inni kadhatu arga'aa turan, «Kun ka taa'ee kadhatu sanii mii?» jedhan. Gariin, «Isuma» jedhan; Kuuwwan ammo, «Wa'a! isa fakkaata malee isaa miti» jedhan. Inni ammo, «Anuma» jedhe. Eeganaa, «Ijji tee attamiin sii banamte ree?» jedhaniin. Innillee deebisee, «Namicha Yesuus jedhamutu biyyee jiisee ija tiyya dibee gara haroo Saalihoomii dhaqii dhiqadhu» naan jedhe. Anillee dhaqee dhiqadhee arge» jedhe. Isaan, «Inni amma eessa jira?» jedhanii isa gaafatan. Inni, «Ani hin beeku» jedhe. Namicha duraan ijaan hin argine ture gara Fariisotaa fidan. Yesuus biyyee dhoqqeessee guyyaan ija isaa itti bane sun Sambata ture. Kanaaf Fariisonni ammo attamitti akka arge ammallee isa gaafatan. «Inni dhoqqee ijatti naa godhe; hin dhiqadhe; ijji tiyyallee hin argite!» isaaniin jedhe. Fariisota keessaa gari gariin, «Namni kun waan Sambata hin kabajjineef Rabbiin irraa hin dhufne» jedhan; kuuwwan ammo, «Namni cubbamaan attamitti maalalee akkanaa kanniin godhuu danda'a?» jedhanii wol fooyan. Sababaa kanaaf namicha ijaan hin argine saniin, «Ati waan namicha ija tee banee maal jetta?» jedhaniin. Innillee, «Raatticha» isaaniin jedhe. Yihuudonni namichi kun akka dura ka ijaan hin argine ta'e, maayessa ammo akka ijji isaa argite haga worra isaa waamanii gaafatanitti hin amanne. Isaanillee maatii isaa, «Ilmi keessan ka ijaan hin argine ta'ee dhalate jettan kanaa? Eegasuu amma attamitti arguu danda'e ree?» jedhanii isaan gaafatan. Maatiin isaallee isaaniin, «Kun mucaa keenna ta'uu'u; ka ijaan hin argine ta'ee dhalatuu isaa hin beenna. Haa ta'uu ammo amma attamiin akka arge hin beennu yookaan ija isaa eennu akka bane nu hin beennu isa gaafadhaa'a inni nama gudda'aa; inninuu waan ufii hin dubbataa» jedhan. Maatiin isaa waan Yihuudota sodaataniif kana jedhan; ka inni Kiristoos jedhee ragu yoo jiraate, Yihuudonni mana sagada Yihuudotaatii akka isaan hin baafneef Yihuudonni waan wolii galaniiraniif. Kanaaf maatiin, «Inninuu nama uf danda'ee isa gaafadhaa'a!» jedhan. Kanaaf namicha ijaan hin argine san ammallee waamanii, «Rabbiin kabajji namni kun cubbamaa ta'uu isaa nu hin beennaa» jedhaniin. Innillee deebisee, «Ani ammo cubbamaa ta'uu isaa hin beeku, ani akka nama ijaan hin argine ture, amma ammo arguu kiyya callaa beeka» jedhe. Ammallee deebisanii, «Maal sii godhe? Attamitti ija tee bane?» jedhaniin. Innillee deebisee, «Qaraa isinitti himeera, isin ammo na hin dhageenne, maaf lammeessoo dhagayuu feetan? Isinillee akkasuma darasaa isaa ta'uu feetanii?» isaaniin jedhe. Isaan ammo isa arrabsanii, «Situ darasaa isaati; nu ammo darasoota Muuse'eeti. Rabbi akka Muuse'etti dubbate nu hin beenna. Namni kun ammo, inni eessaa akka dhufe hin beennu!» jedhaniin. Namichillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Eessaa akka dhufe wollaaluun keessan kun waan maalalchiisa'a! Waa maraafuu inni ija tiyya baneera. Ka Rabbiin sodaatu, ka fedha isaallee hojjatu yoo jiraate isa sanii Rabbi dhagaya malee, cubbamtoota akka hin dhageenne hin beenna. Ka ijji isaa hin argine ta'ee dhalate, urga adunyaan uumamte irraa jalqabee, ka nama ijaan hin argine fayyise dhagayamee hin beeku. Namni kun uduu Rabbiin irraa dhufuu dhabaatee silaa womaa godhuu hin danda'u.» Isaan ammo deebisanii, «Nafti kee hoomaanuu cubbu'uun dhalate. Situ nu barsiisaa?» jedhanii gara diidaa isa baasan. Yesuus hennaa akka gara diidaa isa baasan dhagaye, «Ati Ilma Namaatitti amantaa?» jedheen. Innillee deebisee, «Gooftaa kiyya! ani isatti amanu'uufuu inni eennu?» jedhe. Yesuusillee, «Ati isa argiteerta innillee isuma si woliin qaaqa'aaru kana» jedheen. Innillee, «Gooftaa kiyya! Hin amana» jedhee sagadeef. Yesuusillee, «Worri hin argine akka argan; worri argan akka jaaman; ani gara adunyaa tanaa murti'iif dhufeera» jedhe. Fariisota keessaa worri isa woliin jiran ammo kana dhagayanii, «Nu worra ijaan hin arginee?» jedhaniin. Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Uduu worra ijaan hin argine taatanii silaa cubbuu isinitti hin ta'u; amma ammo hin argina jettan; cubbuun teessan ammo akkasumatti jiraatti» jedhe. Ammallee Yesuus akkana jedhe, «Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha; ka gooruu hoolotaa balbalaan hin seenne, ka karra biraatiin seenu ammo inni hattu'uu fi saamtu'u. Ka balbalaan seenu ammo tissee hoolotaati; ka balbala eegullee hin banaaf. Hoolonnillee laagaa isaa hin dhagayan; innillee hoolota ufii maqaa isaaniitiin waamee isaan fudhata. Hoolota ufii haga baaseen maayessa isaan afoo deema, hoolonnillee laagaa isaa waan beekaniif isa faana deeman. Kaawwan irraa dheessan malee faanaa hin deeman waan laagaa isaanii hin beenneef.» Yesuus fakkeenna kana isaanitti hime, isaan ammo waan inni isaanitti hime hin qalbifanne. Yesuus ammallee akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ani balbala hoolotaati. Ka anaan dura dhufan maruu hattootaa fi saamtota. Haa ta'uu ammo hoolonni isaan hin dhageenne. Balbalti ana. Ka ana keessaan aseenu yoo jiraate hin fayya; inni hin seena hin bayalle'e hulee itti bobbayullee hin argata Hattuun hatu'uuf, qalu'uuf, balleessu'uuf malee waan biraatiif hin dhuftu. Ani jireenna isaanii ta'u'uuf akka isaanii baay'atuuf dhufe.» «Tisseen mishaan ana. Tisseen mishaan hoolota ufiitiif lubbuu ufii dabarsee kenna. Tisseen hoolonni ta isaa hin taane qaxaramaan ammo yayyiin hennaa dhufu yoo arge hoolota dhiisee dheessa; yayyiinillee hin fudhata; hoolotallee adda tamsaasa. Inni Qaxaramaa waan ta'eef hoolonnillee waan garaa isa hin nyaanneef ka qaxarame sun hin dheessa. Tisseen mishaan ana. Aabba akkuma na beeku akkuma anillee Aabbaan beeku, Anillee hoolota tiyya hin beeka. Hoolonni tiyyallee na beekan. Lubbuu tiyyallee hoolota tiyyaaf dabarsee kenna. Ani hoolota gooruu kana keessaa hin taane hoolota biraallee hin qaba. Isaanillee ammo as fidu'utu na barbaachisa. Isaan laagaa kiyya hin dhagayan. Tika tokko ta'an, tisseenillee tokko. Ani lubbuu tiyyallee akkasuma deebisee fudhatu'uuf dabarsee waan kennuuf Aabba na jaalata. Lubbuu kiyyallee fedha kiyyaan dabarsee kenna malee eennullee na irraa hin fudhatu; jiraachisu'uuf baallii qaba. Akkasuma kaasu'uufillee baallii qaba. Seera kana abbaa kiyya irraa fudhadhe.» Eeganaa sababaa dubbii kanaatiif Yihuudota wodhakka'atti gargar wol fooyan. Isaan keessaallee namoonni hedduu, «Inni jinnii uf keessaa qaba! maraateera! Isin maaf isa caqaftan?» jedhan. Kuuwwan ammo, «Kun dubbii nama jinnii qabuutii miti! Jinniin ija worra ijaan hin arginee banuu danda'aa?» jedhan. Yerusaalemitti ayyaana mana woyyu'uu haarawoomsu'uutitu jira; hennaan sunillee ganna. Yesuusillee mana woyyuu balbala Solomoonii afoo deddeebi'a'aa ture. Yihuudonni isa marsanii, «Haga yoomii mamii keessa nu tursiifta? Ati yoo Kiristoosiin taate ifa godhii nutti himi» jedhaniin. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Ani isinitti hime; isin ammo hin amantan; hujiin ani maqaa abbaa kiyyaatiin hojjadhu kun waan kiyya raga. Haa ta'uu ammo akkuma isinitti hime isin waan hoolota tiyya keessaa hin taaneef hin amantan. Hoolonni tiyya laagaa kiyya hin dhagayan; anillee isaan beeka; isaanillee na faanaa deeman. Anillee jireenna bara baraa isaanii kenna, baraa haga bara baraallee hin badan, eennullee harka kiyya keessaa isaan hin baasu. Abbaan kiyya ka naa kenne maraa caala; eennullee harka Abbaa kiyyaatii isaan baasuu hin danda'u. Anii fi Aabba tokko.» Achiin maayessa Yihuudonni isa tumu'uuf dhagaa itti fudhatan. Yesuus, «Abbaa kiyya irraa hujii mishaa heddu isinitti mudhiseera; isaan kana keessaa waan hujii kamiitiif dhaga'aan na dhayu'uuf taatan?» isaaniin jedhe. Yihuudonnillee, «Hujii misha'aaf si hin dhoofnu waan arraba keetiitiif; ati nama taatee waan Rabbiin uf gooteef» jedhanii deebisaniif. Yesuus akkana jedhee isaanii deebise, ‹Isin waaqolee tolfama'a› ka jedhe «Seera keessanitti akkuma barreeffamee mitii? Kitaabni diiggamuu waan hin dandeenneef, worra dubbiin Rabbii dhufeef sanniiniin kitaabni woyyuun, ‹Isin waaqole'e› yoo isaaniin jedhe, ‹Ani Ilma Rabbiiti› waan jedheef, isin ka Aabba woyyoomsee gara adunya'aa erge, ‹Rabbiin arrabsita› jettaniinii? Ani yoo hujii abbaa kiyyaa hin goone na hin amaninaa'a. Yoo godhe ammo, anallee yoo amanuu dhabaattan, Aabba akka ana keessa, anillee akka Aabbaan keessa ta'e akka beettanii fi akka qaabattan hujii isaa amanaa'a.» Eeganaa ammallee deebi'anii isa qabuu barbaadan, inni ammo isaan jalaa miliqe. Gara hulee Yohaannis duratti cuupha'aa turee Yoordaanosiin gamaa deebi'ee deemee achi bubbule. Namoonni hedduu gara isaa dhufanii, «Yohaannis malkata tokkollee hin goone, haa ta'uu ammo wonti Yohaannis waan nama kanaa dubbate maruu dhuga'a» jedhan. Achitti namoonni hedduu isatti amanan. Ganda Maariyaamiitii fi obboleettii isi'ii Maartaa Biitaaniyaa keessatti namni Alaazaar jedhamu tokko dhibamee ture. Maariyaam ta Gooftaa Urgoo dibdee riffeensa mataa ufiitiin luka isaa haxxe. Obboleessi isi'ii Alaazaar dhibamee ture. Kanaaf intallan haadhaa Alaazaarii: «Gooftaa'a! Namni ati jaalattu dhibameera» jedhanii gara isaa ergan. Yesuus dhagayee, «Dhibeen kun akka Ilmi Rabbii ittiin kabajjamuuf; kabajjaa Rabbiitiif malee ka ajjeesuu miti» jedhe. Yesuus Maartaa, obboleettii isi'iitii fi Alaazariinillee hin jaalata. Haga akka inni dhibame dhagaye, hulee jiru san guyyaa lama oole. Achiin maayessa darasootaan, «Gara Yihuuda'aa haa deemnuu» isaaniin jedhe. Darasoonni isaa, «Barsiisaa'a! Yihuudonni armaan dura si dhayuu barbaadanii turan. Amma ammo achi deemtaa?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee, «Guyyaan tokko sa'aatii kudha lamaa mitii? Ka guyya'aan deemu ifa adunyaa tanaa waan arguuf hin gufatu. Ka halkaniin deemu ammo ifti isa bira waan hin jirreef hin gufata» isaaniin jedhe. Haga kana dubbateen maayessa, «Jaalalloon keenna Alaazaar rafeera, haa ta'uu ammo hirribaa kaasu'uuf deema» jedheen. Darasoonni isaa, «Gooftaa'a! yoo rafee jiraate hin dammaqa» jedhaniin. Yesuus waan du'a Alaazaarii dubbate; isaan ammo waan hirriba rafu'uu waan dubbate isaanitti fakkaate. Achiin maayessa Yesuus ifa godhee, «Alaazaar dhugamaan du'eera; Akka amantaniif achi jiraachuu dhabuu kiyyaaf waan keessaniif na gammachiisa. Haa ta'uu ammo gara isaa haa deemnuu!» isaaniin jedhe. Kanaaf Toomaas ka Didimoos jedhamu goshoota ufii darasootaan, «Koottaa nullee dhandhee isa woliin duunaa» jedhe. Yesuus hennaa dhufe Alaazaar du'ee boolla keessatti guyyaa afur akka ture arge. Biitaaniyaan Kiloo meetira kudha sadihii Yerusaalemiin irraa fagaatti; Yihuudota keessallee hedduun isaanii du'a obboleessa isaaniitiif Maarta'aa fi Maariyaamiin jajjabeessu'uuf isaan bira dhufan. Maartaan akka Yesuus dhufe haga dhageette isa reebbachu'uuf baate; Maariyaam ammo mana keessa teetteerti. Maartaan Yesuusiin, «Gooftaa'a! uduu ati as jiraattee silaa obboleessi kiyya hin du'u. Ammallee waan Rabbiin irraa kadhattu maraa akka Rabbi sii kennu hin beeka» jette. Yesuus akkana isi'iin jedhe, «Obboleessi kee hin ka'a.» Maartaanillee, «Gaafa dhumaa hennaa worri du'an du'aa ka'an, akka inni du'aa ka'u hin beeka» jetteen. Yesuus ammo, «Du'aa ka'uunii fi jireenni Ana; ka anatti amanu yoo du'ellee hin jiraata. Jiraata'aa fi ka anatti amanu maruu baraa haga bara baraa hin du'u; kana amantaa?» isi'iin jedhe. Isiinillee, «Ee Gooftaa'a! ati Kiristoosii Ilma Rabbii ka gara adunyaa tanaa dhufu akka taate ani hin amana» jetteen. Kanuma jettee deemtee obboleettii ufii Maariyaamiin hojjatti waamtee, «barsiisaan dhufeera, si waama'aara» jetteen. Isiinillee hennaa dhageette daddaftee gara isaa dhufte. Yesuusillee hulema Maartaan itti isa reebbatte jira; gara gandaa ammo hin seenne ture. Worri isii jajjabeessu'uuf isii woliin mana keessa turan, Yihuudonni akka Maariyaam jarjartee kaatee baate argan; waan gara awwaalaa dhaxxee achitti booyu'uuf taatu seeyanii faanaa yaa'an. Maariyaamillee hulee Yesuus jiru dhuftee argitee luka isaa jalatti kuftee, «Gooftaa kiyya! uduu ati as jiraattee obboleessi kiyya silaa hin du'u» jetteen. Yesuus isiinii fi Yihuudonni isii woliin dhufan hennaa booyan argee uf keessatti gaddee biibbayee, «Eessa keettan?» Isaaniin jedhe. Isaanillee, «Gooftaa'a! Koottuu laali» jedhaniin. Yesuusillee imimmaan lolaase. Kanaaf Yihuudonni, «Attam akka isa jaalatu laalaa'a!» jedhan. Isaan keessaa gariin ammo, «Kun ka ija worra ijaan hin arginee bane, kanallee ammo akka hin duune godhuu hin danda'uu?» jedhan. Yesuusillee uf keessatti gaddee gara awwaalaa dhufe. Huleen sun goda keessa dhaga'aan cufameera. Yesuus, «Dhagaa irraa kaasaa'a!» jedhe. Maartaan obboleessi jalaa du'e, «Gooftaa kiyya! haga du'e guyyaa afur ta'eera, amma ajaayeera!» jetteen. Yesuusillee, «Uduu amantee ulfinna Rabbii akka argitu sitti hin himnee?» isi'iin jedhe. Namoonnillee dhagaa awwaalaa irraa kaasan; Yesuus ija ufii ol kaasee, «Abbaa kiyya waan na dhageetteef si galatoonfadha. Hennaa maraa akka na dhageettu hin beeka; haa ta'uu ammo akka ati na ergite akka amananiif banii as dhaabatu kanaaf dubbadhe» jedhe. Kana jedhee laagaa gudda'aan «Alaazaar gara diidaa as bayi» jedhe. Alaazaar akkuma harki isaatii fi lutti isaa sattarametti baye. Fuullillee akkuma woya'aan marametti jira. Yesuus, «Hiika'aatii gad dhiisaa'a haa deemuu» isaaniin jedhe. Kanaaf worra gara Maariyaamii dhufan keessaa waan Yesuus godhe haga argan Yihuudonni hedduu isatti amanan. Isaan keessaa gari gariin ammo gara Fariisotaa dhaqanii waan Yesuus godhe isaanitti himan. Eeganaa bulchoonni gadootaa gumii Fariisotaa wolitti qabanii, «Namni kun Maalalee hedduu waan godha'aaruuf maal haa goonuu? Akkanatti yoo dhiifne martinuu isatti amanan. Worri Rooma'aa dhufanii biyya teennaa fi banii keenna fudhatan» jedhan. Woggama san bulchaan gadootaa Qayyaaffaan, «Isin womaa hin beettan; Ka baniin marti bade irra yoo namni tokko banii'iif du'e woyyaa akka ta'e hin yaaddanii?» jedheen. Kana inni ufiin hin dubbanne, haa ta'uu ammo baruma san bulchaa gadootaa waan tureef, Yesuus bani'iif du'uu raaga dubbate. Banii calla'aafii miti, haa ta'uu ammo ijoollee Rabbii ta tamsaatellee akka wolitti qabuuf malee. Eeganaa guyyaa sanii jalqabee isa ajjeesu'uuf mari'atan. Achiin maayessa Yesuus addaataa Yihuudii wodhakkaa hin deddeebine. Haa ta'uu ammo achuma gara lafa udume'ee bira gara qachaa Efreem jedhamtuu deemee darasoota ufii woliin achuma taa'e. Faasikaan Yihuudotaa dhiyaatee ture. Namoonni hedduunillee uf qulqulleessu'uuf ayyaana faasika'aatiin duratti gara Yerusaalemii bayan. Isaan Yesuusiin barbaada'aa turan. Mana woyyuu keessa woliin dhaabatee, «Maal isinitti fakkaataa? Inni gara ayyaanaa hin dhufuu laata?» Woliin jedhan. Bulchoonni gadootaatii fi Fariisonnillee qabu'uuf hulee inni jiru namni beeku yoo jiraate akka isaanitti mudhisu ajajanii turan. Faasikaan gayu'uuf guyyaan jahaa yoo hafu Yesuus gara Biitaaniyaa Alaazaariin inni du'aa kaase keessa jiraatuu dhufe. Achitti Yesuusiif jedhanii nyaata qopheessan; Maartaanillee isa tajaajilte. Alaazaar worra nyaataaf taa'an keessa jira. Maariyaam urgoo Naardoosii ka gatiin isaa guddaa baasu fuutee luka Yesuusii dibde; luka isaa rifeensa mataa ufiitiin haxxe. Urgoon Naardoosii mana urgeesse. Haa ta'uu ammo darasoota isaa keessaa ka dabarsee isa kennu'uuf ta'u Yihuudaa ilma Simoonii biyya Keriyootiitii, «Urgoon kun maaf birrii dhibba Sadihitti gurguramee hiyyeeyyi'ii hin kennamne?» jedhe. Inni wonti kana dubbateef waan hattuu ta'eef malee hiyyeeyyi'ii yaadeetii miti, ka korojoo birrii keessa kaayan qabatu isa waan ta'eef, birrii korojoo keessa kaayan fudhata'aa ture. Yesuus, «Guyyaa awwaala kiyyaatiif waan qopheessiteef isii dhiisaa'a. Hiyyeeyyiin hennaa maraa waan isin woliin jiraataniif ani ammo hennaa mara isin woliin hin jiraadhu» jedhe. Yihuudota keessaa baniin hedduu akka inni achi ture beekanii, Alaazaarii inni du'aa kaase argu'uuf dhufan malee, Yesuusiin calla'aafii miti. Bulchoonni gadootaa Alaazaariin ajjeesu'uuf mari'atan. Yihuudota keessaa hedduun isaanii dhaqanii waan Yesuusitti amananiif. Bariisaa baniin hedduu gara ayyaanaa dhufanii turan. Yesuus gara Yerusaalemii akka dhufu dhagayan. Baala meexxi'ii qabatanii simachu'uuf bayan, «Hoosaanaa! ka maqaa Goofta'aatiin dhufu Mootiin Israa'eelii ka eebbifame!» jedha'aa wocan. Darasoonni waan kana dura hin hubanne, haa ta'uu ammo haga Yesuus kabajjameen maayii hennaa san kun waan isaatiif akka barreeffame kana akka isaa godhan qaabatan. Alaazaariin awwaala keessaa waamee worra du'an keessaa hennaa isa kaase, worri isa woliin turee hin rageef. Kanaafuu akkasuma baniin maalalee kana akka godhe waan dhagayaniif isa simachu'uuf bayan. Fariisonni, «Waan tokkollee godhuu akka hin danda'amne argitanii? Kunoo adunyaan isa faanaa ka'anii deema'aaran!» woliin jedhan. Worra gaafa ayyaanaa sagadu'uuf bayan keessaa gariin namoota Giriikiiti. Isaan gara Beetasaayidaa Galiilaa keessa jirtuu gara nama Filiphoos jedhamuu dhaqanii, «Gooftaa'a! Yesuusiin arguu feena» jedhanii kadhataniin. Filiphoos dhufee Indiriyaasitti hime; Indiriyaasii fi Filiphoos dhufanii Yesuusitti himan. Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, «Ilmi Namaa kabajjamu'uuf sa'aatiin gayeera. Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, gumaan qamadi'ii lafa buutee lafa keessatti yoo hin duune hojjatti hafti. Yoo duute ammo daraaraa hedduu godhatti. Ka lubbuu ufii jaalatu hin balleeffata, ka adunyaa tana irratti lubbuu ufii jibbu jireenna bara baraatiif kaayata. Ka naa hojjatu yoo jiraate, na faanaa haa deemuu; hulee ani jirullee hin jiraata. Ka naa hojjatu yoo jiraate Aabba hin kabajjaan.» «Amma lubbuun tiyya raafamte maal jedhalle'e? ‹Abbaa kiyya hennaa tana jalaa na oolchi jedha moo?› kana akka hin jenne ammo, ani wonti dhufeef rakkoo tanaaf. Abbaa kiyya! Maqaa kee kabajji!» jedhe. Kanaaf, «Kabajjeera, akkasuma hin kabajjaanille'e» laagaan jedhu sami'ii dhufe. Baniin achi dhaabatanii turan, hennaa dhagayan gigissa'a jedhan, kuuwwan maleekka'atu dubbate jedhan. Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, «Laagaan kun isiniif jedhee dhufeera malee, naafii miti. Murtiin adunyaa tanaa amma gayeera; amma bulchaan adunyaa tanaa gara alaa gatama. Ani hennaa lafa irraa ol ka'e nama maraa gara kiyya harkisa.» Du'a attamii akka du'u'uuf ta'u isaanitti mudhisu'uuf kana dubbate. Eeganaa baniin, «Nu'u Kiristoos akka bara baraan jiraatu seera irraa dhageenneerra. Ati ammo attamitti Ilmi Namaa ol fuudhamuu qaba jetta? Ilmi Namaa kunillee eennu?» jedhanii deebisaniif. Yesuusillee, «Ifni amma hennaa diqqo'oof isin woliin uduu jiru, akka dukkanti isin hin liqimsine uduu ifni jiru ifa keessa jiraadhaa'a; ka dukkana keessa jiraatu garam akka deemu hin beeku. Akka ijoollee ifaa taataniif, uduu ifa qabdan ifatti amanaa'a» isaaniin jedhe. Yesuus kana dubbatee lixee isaan jalaa miliqe. Haa ta'uu ammo inni maalalee haganaa kana afoo isaaniititti yoo godhellee, raattichi Isaayyaas, «Gooftaa kiyya! Eentu ragaa keenna amane? Irreen Rabbiillee eennutti mudhate?» jedhee dubbiin dubbatame akka raawwatamuuf isatti hin amanen. Isaayyaas waan ulfinna isaa argeef kana jedhe; waan isaallee dubbate. Kana woliin bulchoonni hedduu akkasuma isatti amanan; akka Fariisonni mana sagada Yihuudotaa keessaa isaan hin baafneef isaa ragaa hin baane. Wonti kana godhaniif ulfinna Rabbii caalaa, ulfinna namaa waan jaalataniif. Yesuus laagaa ol qabatee akkana jedhe, «Ka natti amanu kana ergetti amane malee anattii miti. Namni ka na argu ka na ergellee hin arga. Ka natti amanu maruu dukkana keessa akka hin jiraanne ani ifa ta'ee gara adunya'aa dhufeera. Adunyaa fayyisu'uuf malee adunya'atti murteessu'uuf waan hin dhufneef; ka dubbii kiyya dhagayee hin eenne yoo jiraate ka itti murteessu anaa miti. Ka na jibbu, ka dubbii kiyyallee hin fudhanne, inni ka isatti murteessu hin jira. Dubbiin ani dubbadhe gaafa dhumaa itti murteessa. Ani ufii waan hin dubbanneef; haa ta'uu ammo Abbaan na erge inni, waan jedhuuf ajaja dubbadhullee naa kenneera. Ajanyillee jireenna bara baraa akka taate hin beeka. Kanaaf ani ka dubbadhu akka Abbaan natti himetti dubbadha» jedhe. Yesuus ayyaana Faasika'aa dura adunyaa kana irraa hennaan gara Abba'aa deemu akka gaye beekee, worra isaa ka adunyaa kana irra jiran, worra jaalate jaalala dhuma hin qabneen jaalate. Uduu hurbaata nyaata'aaran daabiloos onnee Yihuudaa ilma Simoonii biyya Keriyootii keessa akka inni dabarsee Isa kennu yaada hamaa kaaye. Yesuus Aabbaan maraa harka isaatitti dabarsee akka kenne Rabbiin biraallee akkuma baye, gara Rabbiillee akka deemu beekee, Nyaata irraa ka'ee uffata ufii lafa kaayatee carqii ittiin luka gossu fuudhee mudhi'itti hidhatee, Bisaan waan luka namaa ittiin dhiqanitti buuse. Luka darasootaa dhiqee carqii mudhi'itti hidhateen gossuu jalqabe. Gara Simoon Pheexroosii dhufee inni isaan, «Gooftaa'a! luka tiyya dhixxaa?» jedhe. Yesuus deebisee, «Waan ani godhu ati amma hin beettu; maayii ammo hin hubatta» jedheen. Pheexroosillee, «Luka tiyya baraa haga bara baraa hin dhixxu» jedheen. Yesuusillee, «Yoo si dhiqe malee na woliin hiree hin qabdu» jedhee deebiseef. Simoon Pheexroosillee, «Gooftaa'a! eegasuu luka tiyya calla'aa mitii harka kiyyaa fi mataa kiyyallee naa dhiqi!» jedheen. Yesuusillee, «Ka dhiqate luka dhiqachuu malee ka biraa hin barbaachisuun nafti maruu ammo qulqullu'u. Isinillee qulqulloota; haa ta'uu ammo isin maraa miti» jedheen. Ka dabarsee isa kennu waan beekuuf kanaafuu, «Isin marti qulqullootaa miti» isaaniin jedhe. Luka isaanii dhiqee uffata ufii fudhatee deebi'ee taa'ee akkana isaaniin jedhe, «Waan ani isinii godhe hubattuu?» Isin, ‹Barsiisa'aa fi Gooftaa› naan jettan; akkasuma waan ta'eef mishaa jettan. Eeganaa ani Gooftaa fi barsiisaa yoo ta'u, luka keessan yoo dhiqe isinillee akkasuma luka wolii dhiqaa'a. Akkuma ani isinii godhe isinillee akkasuma akka gootaniif fakkeenna isinii kenneera. Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha garbichi Gooftaa ufii hin caalu ergamaanillee ka isa erge hin caalu. Yoo beettanii kana gootan isin worra eebbifame. «Waan keessan maraaf hin dubbadhu; ani worra filadhe san hin beeka; haa ta'uu ammo kitaabni, ‹Ka harka kiyya irraa nyaate deebi'ee natti ka'e› dubbiin jedhu akka raawwatamuuf. Hennaa wonti sun ta'e ana akka ta'e akka amantaniif ammaa jalqabee firrisee uduu hin taane isinitti hima. Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, namni nama ani erge simatu na simata; ka na simatu ka na erge simata.» Yesuus kana jedhee keessi isaa raafamee, «Dhugama dhuga'atiin isiniin jedha, isin keessaa tokko dabarsee na kenna» jedhee rage. Darasoonni waan eennuu akka dubbate mamanii deebi'anii wol laalan. Darasoota keessaa ka Yesuus jaalatu ka qoma Yesuusiititti siqeeru, Simoon Pheexroos, isa ijaan dhayee, «Waan eennuu akka dubbatte nutti himi» jedheen. Inni gara qoma Yesuusii achi siiqee, «Gooftaa'a! eennu inni?» jedheen. Yesuusillee, «Ka Ani xoroshoo cabsee kennuuf san» jedhee deebiseef; kutaa xorosho'oo fuudhee waan unataniin tuqee Yihuudaa ilma Simoonii ka biyya Keriyotitti kenne. Ka inni kutee kenneef haga fudhateen maayessa hennama san Seexanni itti gale; Eeganaa Yesuus, «Waan godhu'uuf taatu dafii godhi!» jedheen. Haa ta'uu ammo worra taa'an keessaa maaf akka kana jedhe eennullee hin hubanne. Yihuudaan waan korojoo qabatuuf Yesuus ayyaanaaf waan barbaachisu akka bitu yookaan akka hiyyeeyyi'iif kennaa kennuuf gariin waan kanaaf jedhe isaanitti fakkaatee ture. Inni kutaa san haga fudhateen maayii yoosuu baye; hennaan sun halkan ture. Haga bayeen maayessa Yesuus akkana jedhe, «Amma Ilmi Namaa ulfaateera; Rabbillee waan isaatiif ulfaateera. Yoo Rabbi sababaa isaatiif kabajjame, Rabbillee akkasuma isa kabajja. Yoma san kabajjaanille'e. Ijoollee tiyya! amma hennaa diqqoo isin woliin taa'a isin na soxxan, ‹Hulee ani dhaqu dhaquu hin dandeettan› jedhee akkuma Yihuudotatti hime isinittillee hima. Akka wol jaalattan, akkuma anillee isin jaaladhe, isinillee akkasuma akka wol jaalattan ajaja haarawa isinii kenna. Kunillee akka wol jaalattan, darasoota tiyya akka taatan, namoonni maruu kanaan isin beekan.» Simoon Pheexroos, «Gooftaa'a! Eessa dhaqa'aarta?» jedhee isa gaafate. Yesuus, «Gara ani deemu amma na faana deemuu hin dandeettu; haa ta'uu ammo maayii na faanaa dhufta» jedhee deebiseef. Pheexroosillee, «Gooftaa'a! Amma wonti si faanaa deemuu hin dandeenneef maali'i? Lubbuu tiyya sii kenna» jedheen. Yesuus akkana jedhee deebiseef, «Lubbuu tee naaf kennitaa? Dhugama dhuga'aatiin siin jedha uduu lukkuun hin iyyin hennaa sadihii na waakkatta» jedheen. Yesuus itti aansee darasoota ufiitiin, «Garaan keessan hin raafamin; Rabbitti amanaa'a; nattillee ammo amanaa'a! Mana Abbaa kiyyaa keessa huleen jireennaa heddutu jiraa; silaa uduu hin jiraanne ta'ee kana isiniin hin jedhu. Hulee isinii qopheessu'uuf deema, Dhaqeellee yoo hulee isinii qopheesse, hulee ani jiraadhu isinillee ammo akka jiraattan lammata deebi'ee dhufee gara kiyya isin fudhadha. Gara ani dhaqullee hin beettan; karaallee hin beettan» jedhe. Toomaas, «Gooftaa'a! gara ati deemtu hin beennu karaa attamiin beenna?» jedheen. Yesuusillee, «Ani kara'a, dhuga'aa fi jireenna. Anaan malee ka gara Aabbaa dhufu hin jiru. Ana uduu beettanii akkasuma Abbaa kiyyallee hin beettan. Amma irraa jalqabdanii hin beettan; argitaniirtanille'e» jedheen. Filiphoos, «Gooftaa'a! Aabbaan nutti mudhis nu gayaa» jedheen. Yesuus akkana jedheen, «Ati Filiphoos! haga bara kana maraa hennaa isin woliin jiraadhe na hin beettuu? Ka na arge Aabbaan argeera; ati attamitti, ‹Aabbaan nutti mudhis› jetta? Akka Ani Aabbaan keessa jiru, Akka Aabballee na keessa jiru hin amantuu? Ani dubbii isinitti himu uf irraa hin dubbadhu; uf irraallee isinitti hin himu. Haa ta'uu ammo ka na keessa jiru inni Aabba hujii ufii hin hojjata. Ani akka Aabbaan keessa jiru; Aabballee akka na keessa jiru na amanaa'a; yoo ta'uu dhabaatellee waan hujii isaatiif na amanaa'a. Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha ka natti amanu hujii ani hojjadhu hojjata; ka san caalu hojjata. Ani gara Aabbaa waan deemuuf, Aabballee waan Ilmaatiin akka kabajjamu waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa hin godha. Woma kamiinillee yoo maqaa kiyyaan kadhattan Ani hin godha. Yoo na jaalattan ajaja kiyya eegaa'a. Ani Aabbaan hin kadhadha; Innillee baraa haga bara baraa ka isin woliin jiraatu, ka isin jajjabeessu ka biraa isinii kenna. Innillee ka adunyaan hin arginee fi hin beenne waan ta'eef ayyaana dhuga'aa ka isaan amanuu hin dandeenne. Haa ta'uu ammo isin bira waan jiraatuuf isin keessallee waan jiraatuuf isin hin beettaniin. «Ani akka ijoollee maatii hin qabneetitti isin hin dhiisu; gara keessan dhufa. Amma bara diqqo'otu hafe; achiin maayessa adunyaan na hin argitu. Isin ammo na argitan, ani jiraataa waan ta'eef isinillee akkasuma jiraattota taatan. Akka ani Abbaa kiyya keessa jiru akka isinillee na keessa jiraattan akka anillee isin keessa jiru gaafa san hin beettan. Ka ajanya kiyya ka isa bira jiru eegu, ka na jaalatu isa; ka na jaalatu Abbaan kiyya hin jaalataan, anillee hin jaaladhaan ufillee itti mudhisa.» Yihuudaa nama biyya Keriyootii uduu hin taane Yihuudaan biraa, «Gooftaa kiyya! biyya lafaatitti uduu hin taane attamitti nutti uf mudhifta?» jedheen. Yesuusillee deebisee akkana jedheen, «Ka na jaalatu yoo jiraate dubbii kiyya eega; Abbaan kiyyallee hin jaalataan gara isaallee hin dhufna, isa bira jiraanna. Ka ana hin jaalanne dubbii kiyya hin eegu; dubbiin dhageettanillee ka na ergeeti malee kiyyaa miti. «Ani hennaa isin bira jiru, kana isinitti himeera. Ayyaanni Woyyuun Abbaan kiyya maqaa kiyyaan ergu ammo booharsaan inni waa maraa isin barsiisa. Waan ani isinitti hime maraa isin qaabsisa. «Ani nagaya isinii dhiisa; nagaya kiyyallee isinii kenna; nageenni ani isinii kennu ka akka Adunyaan isinii kennituu miti. Garaan keessan hin raafamin; hin sodaatina'alle'e. ‹Ani hin deema, gara keessanillee hin dhufa› akka isiniin jedhe dhageettaniirtan. Uduu ka na jaalattan ta'ee, waan Aabba na caaluuf gara Aabbaa waan deemeef silaa hin gammaddan. Haga ta'een maayessa akka amantan kun uduu hin taane isinitti himeera. Ammaa achi isin woliin waan heddu hin qaaqu; bulchaan adunyaa tanaa waan dhufuuf, inni na irraa waan tokko hin qabu. Haa ta'uu ammo ani Aabbaan akka jaaladhu adunyaan akka beettu, akka Abbaan na ajaje akkasuma godha; ka'aa asii haa deemnuu.» Jirmi woyini'ii ka dhuga'aa ana. Ka isa dhaabee guddise Abbaa kiyya. Damee daraaraa hin baafne ka na irra jiru maraa Abbaan kiyya kutee gata; ka daraaru maraa guddisee akka daraaru hin tottolcha. Isin dubbii amma ani isinitti hime kanaaf qulqulloota. Ana keessa jiraadhaa'a; akkasuma anillee isin keessa jiraadhaa. Dameen yoo jirma woyini'ii irra hin jiraanne, ufitti daraaraa daraaruu akka hin dandeenne, akkasuma isin ammo yoo ana keessa hin jiraanne daraaruu hin dandeettan. «Ani jirma woyini'iiti; isinillee dameewwan kiyya; anaan addatti womaa godhuu waan hin dandeenneef; ka naan jiraatu, ka anillee isa keessa jiraadhu inni daraaraa heddu daraara. Ka ana keessa hin jiraanne yoo jiraate, akka dame'ee muramee gara diidaa gatama; hin goga; dameewwan akkasii wolitti qabamee ibiddatti gatamee gubama. Na keessa yoo jiraattan, yoo dubbiin kiyyallee isin keessa jiraate waan barbaaddan maraa kadhadhaa'a isinii ta'aa. Uduu daraaraa heddu godhattanii darasoota kiyya taatan, Abbaan kiyya kanaan kabajjama. Akkuma Abbaan kiyya na jaalate, anillee akkasuma isin jaaladheera. Jaalala kiyyaan jiraadhaa'a. Akkuma ani ajaja Abbaa kiyyaa eegee jaalala isaatiin jiraadhu, yoo ajaja kiyya eeddan jaalala kiyyaan jiraattan. Akka gammachuun kiyya isin keessa taa'u gammachuun keessanillee akka raawwatamu kana isinitti himeera. Akkuma ani isin jaaladhe, isinillee akka wol jaalattan ajanyi tiyya tana. Lubbuu ufii jaalalloota ufiitii kennuu caalaa, jaalala kana caalu eennullee hin qabu. Uduu waan ani isin ajaje maraa gootanii isin jaalalloota tiyya. Eegasuu ammaa achi garboota isiniin hin jedhu; garbichi waan Gooftaan godhu waan hin beenneef jaalalloota tiyya isiniin jedheera, waan Abbaa kiyya irraa dhagaye maraa isinitti beessiseera. Anatu isin filate malee isin na hin filanne, Aabballee waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa akka isinii kennu, deemtanii akka daraaraa godhattan, daraaraan keessanillee akka jiraatuuf isin muude. Akka isin wol jaalattan kana ajaja» jedhe. «Yoo adunyaan isin jibbite isiniin dura akka na jibban beekaa'a. Isin uduu worra adunya'aa taatanii adunyaan waan ufii hin jaalatti. Isin ka adunyaa kanaa waan hin taaneef adunyaa irraa isin filadhe. Kanaaf adunyaan isin jibbiti. Dubbii garbichi Gooftaa hin caalu jedhee isinitti hime qaabadhaa'a, yoo na ari'anii jiraatan isinillee akkasuma hin ari'an; yoo dubbii kiyya eeganii jiraatan, dubbii keessanillee akkasuma eegan. Haa ta'uu ammo isaan ka na erge waan hin beenneef, kana maraa maqaa kiyyaaf jedhanii isin irratti godhan. Ani uduu dhufee isaanitti himuu dhabaadhee silaa cubbuu isaanitti hin ta'u. Amma ammo cubbuu isaaniitiif sababa hin qaban. Ka na jibbu akkasuma Abbaa kiyyallee hin jibba. Hujii namni biraa hin goone isaan wodhakka'atti uduu godhuu dhabaadhee silaa cubbuu isaanitti hin ta'u. Anallee Abbaa kiyyallee arganii, jibbaniiran. Haa ta'uu ammo seera isaaniititti akkanumaan na jibban jedhamee dubbiin barreeffame akka raawwatamuuf kun ta'e. Haa ta'uu ammo ka ani Aabbaan biraa isinii ergu booharsaan Abbaa biraa dhufu Ayyaanni dhuga'aa hennaa dhufe, inni waan kiyya hin raga. Isinillee akkasuma jalqabuma irraa waan na woliin jiraattaniif hin raddan» jedhe. Akka hin gufanneef kana isinitti hime. Mana sagada Yihuudotaa keessaa isin baasan; kana calla'aallee miti; akkasuma worri isin ajjeesan maruu akka waan Rabbii hojjata'aaranii hennaan isaanitti fakkaatu hin dhufa. Kanallee wonti isin irratti godhaniif Anaa fi Aabbaanillee waan hin beenneef. Haa ta'uu ammo yoo hennaan gaye akka ani isinitti himetti akka yaaddaniif kana isinitti hime. Qara waan isin woliin jiruuf kana isinitti hin himne. Amma ammo gara ka na ergee deema; isin keessaallee ka eessa deemta? jedhee na gaafatu hin jiru. Haa ta'uu ammo kana waan isinitti himeef gadditaniirtan. Ani ammo dhugaa isinitti hima; ani yoo deeme isinii woyya. Yoo ani hin deemnee ka isin jajjabeessu gara keessan waan hin dhufneef ani yoo deeme ammo isa isinii erga. Innillee dhufee waan cubbu'uu, waan qajeellumma'aatii fi waan murti'ii adunya'atti hima. Waan murti'iitiif ammo bulchaa adunyaa tanaatitti duraanuu murteefameera. «Waan isinitti himu ammallee waan heddu qaba. Haa ta'uu ammo mara isaa qaabachuu hin dandeettan. Ayyaanni dhuga'aa hennaa dhufe ammo gara dhuga'aa maraa isin geessa. Waan dhagayu mara dubbata malee uf irraa waan hin dubbanneef waan dhufullee isinitti hima. Inni na kabajja; na irraa fuudhee isinitti waan himuuf. Wonti Aabbaa maruu kiyya. Kanaaf, ‹Ka ani qabu irraa fuudhee isinitti hima› jedhe. Hennaa diqqo'oon maayessa na hin argitan, akkasuma hennaan diqqo'otu jira na argitan, ani gara Aabbaa waan deemuuf. Darasoota keessaa gariin, « ‹Hennaa diqqo'otu jira, na hin argitan; ammallee hennaa diqqo'otu jira, na argitan; deebi'ee gara Aabbaa deema› ka jedhu kun maali'i?» woliin jedhan. Eeganaa, « ‹Hennaa diqqoo ka jedhu kun maali'i?› waan inni dubbatu hin beennu» jedhan. Yesuusillee akka gaafachu'uuf ta'an beekee akkana isaaniin jedhe, « ‹Hennaan diqqoon hin jirti na argitan, akkasuma hennaan diqqoon hin jirti na hin argitan› waan jedheef kana wol qortanii? Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, isin hin boottan mararoo baafattan, biyyi lafaa ammo hin gammada. Isin hin gadditan. Haa ta'uu ammo gaddi keessan gara gammachu'uu jijjiirama. Dubartiin hennaa deettu jiini dayiinsa isi'ii waan itti gayeef hin gadditi, haa ta'uu ammo yoo daa'ima deetteen maayii waan namni biyya lafaatitti dhalateef sababa gammaddeef maayessa dhiphachuu isi'ii san maraa hin irraanfatti. Eeganaa akkasuma isinillee amma hin gadditan. Haa ta'uu ammo deebi'ee isin arga; garaan keessan hin gammada gammachuu keessanillee ka isin jalaa fudhatu hin jiru. «Guyyaa san ana irraa waan tokko hin kadhattan, dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha Aabba waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa isinii kenna. Haga ammaa maqaa kiyyaan womaa hin kadhanne. Akka gammachuun keessan guutuu ta'u kadhadhaa'a hin argattanii. «Kana fakkeennaan isinitti himeera. Haa ta'uu ammo waan Aabba addaataa isinitti himu malee achiin gama mammaakaan hennaan hin dubbanne hin dhufa. Guyyaa san maqaa kiyyaan kadhattan. Anillee waan keessaniif ‹Aabbaan isinii kadhadha› isiniin hin jedhu. Isin waan na jaalattaniif akka Ani Rabbiin biraallee dhufe waan amantaniif Aabba inninuu waan isin jaalatuuf. Abbaa biraa bayee gara biyya lafaa dhufeera; ammallee biyya lafaa gad dhiisa; gara Aabbaallee hin deema. Darasoonni, «kunoo amma addaataa dubbata'aarta, womaa fakkeennaan hin dubbattu. Maraa akka beettuuf eennullee akka si gaafachuu hin barbaanne amma beenneerra, kanaaf Rabbiin biraa akka dhufte hin amanna» jedhaniin. Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, «Amma hin amantanii? Amma isin maruu hennaan gara manaa bittinnooftan, sa'aatiin nallee hojjatti dhiiftan hin dhufa ammaa gayeera, haa ta'uu ammo Aabba waan na woliin jiruuf hojja kiyyaa miti. Nageenni anaan akka isinii ta'uuf kana isinitti himeera; hennaa biyya lafaa keessa jirtan hin rakkattan, haa ta'uu ammo jabaadhaa'a! womaa miti ani biyya lafaa mooyadheera.» Yesuus kana dubbatee ija ufii gara sami'ii ol kaasee akkana jedhe, «Abbaa kiyya! kunoo sa'aatiin gayeera. Ilmi kee akka si kabajju, akka foon uffataa maraa irratti baallii kenniteef, worra kenniteef maraa akka jireenna bara baraa kennuuf Ilma kee kabajji. Akka ati Waaqa dhuga'aa taatee fi Yesuus Kiristoosiinillee akka ergite akka beekaniif tun jireenna bara baraati. Hujii ati akka ani hojjadhu naa kennite raawwadhee lafa irratti si kabajjeera. Ammallee Abbaa kiyya! ulfinna uduu adunyaan hin uumaminiin duratti si biraa qabuun ati uf biratti na kabajji! «Namoota adunyaa irratti naa kennite biratti maqaa kee ibseera. Worra kee turan; ati naa kennite. Isaanillee dubbii kee eeganiiran; Ka naa kennite maruu si irraa akka ta'e amma hin beekan. Dubbii naa kennite isaanii kenneera; isaanillee fudhataniiran; akka si biraa dhufe dhugamaan beekaniiran; akka ati na ergitellee amananiiran. Ani waan kanniinii si kadhadha. Waan adunya'aatiif si hin kadhadhu; isaan waan naa kenniteef; keellee waan ta'aniif. Kiyya maruu keeti, keellee kiyya. Anillee waan isaaniitiif kabajjameera. Ani ammaa achi adunyaa irra hin jiraadhu; isaan adunyaa kana irra jiraatan. Ani gara kee dhufa. Abbaa Woyyuu'u! ka naa kennite kanniin akka keenna akka tokko ta'aniif maqaa keetiin isaan eegi. Ani hennaa isaan woliin adunyaa tana irra jiru worra naa kennite maqaa kee ka naa kenniteen eegeera; wonti kitaabni jedhe akka raawwatamuuf ilma badi'ii malee isaan keessaa eennullee hin banne. Ammallee gara kee hin dhufa isaan biratti gammachuun kiyya ka raawwatame akka isaaniif ta'u kana biyya lafaa keessatti dubbadha. Ani dubbii kee isaanii kenneera. Akkuma ani ka adunyaa tanaa hin taane isaanillee ka adunyaa tanaa waan hin taaneef biyyi lafaa isaan jibbite. Hamaa irraa akka isaan eedduuf malee biyya lafaa tana keessaa akka isaan baaftu si hin kadhadhu. Akkuma ani ka adunyaa kanaa hin taane isaanillee ka adunyaa kanaatii miti. Dhuga'aan isaan woyyoomsi dubbiin kee dhuga'aa. Akkuma ati gara adunyaa tanaa na ergite akkasuma anillee gara adunya'aa isaan ergeera. Isaanillee akkasuma worra dhuga'aan woyyooman akka ta'an ani waan isaaniitiif uf woyyoomsa. «Worra barumsa isaanii fudhatanii natti amanan maraaf malee isaan calla'aaf si hin kadhadhu. Kunillee Aabba! akkuma ati na keessa, akkasuma anillee akkuma si keessa jiru, maruu akka tokko ta'an, akkasuma akka ati na ergite, adunyaan akka beettuuf isaanillee akka nu keessa ta'aniif. Akkuma nu tokko taane isaanillee akka tokko ta'an ulfinna naa kennite isaanii kenneera. Kun waan ani isaan keessa, atillee na keessa taateef. Akka ati na ergitee fi haga jaalala na jaalatteetiin isaanillee akka jaalatte adunyaan akka beettuuf tokkummaan isaanii guutuu haa ta'u. «Abbaa! Worri ati naa kennite kunniin akka hulee ani jiru jiraataniif uduu adunyaan hin uumamne waan na jaalattee fi ulfinna ati naa kennitellee akka argan barbaada. Abbaa qajeelaa! adunyaan si hin beenne; ani ammo si beeka. Kunniinillee akka ati na ergite hin beekan. Jaalalti ati naa qabu akka isaan keessa ta'u, anillee isaan keessa akka ta'u akka si beekan taasiseera; akka si beekanillee hin godha» jedhe. Yesuus haga kana jedheen maayessa darasoota ufii woliin ta'ee gara hulee biqiltuun jirtu gara Qeediroonii ceeyee gama gara hulee ashaakilti'ii seenan. Yesuusii fi darasoonnillee hennaa hedduu achitti waan wol gayaniif Yihuudaan dabarsee isa kennellee hulee san hin beeka. Kanaaf Yihuudaan loltoota, bulchoota gadootaatii fi Fariisonnillee ergamtoota simatanii ibsoo shawa'aa, uffata lolaa, wonte'ee fi eboo qabatee garas isa faana dhufe. Yesuusillee waan itti dhufuuf ta'u maraa beekee bayee, «Eennuun soqa'aartan?» isaaniin jedhe. «Yesuusii Naazireeti'iiti» jedhanii deebisaniif. Yesuus, «Aninuu isa» isaaniin jedhe. Yihuudaan dabarsee isa kennellee isaanuma woliin dhaabateera. Eeganaa haga inni, «Aninuu isa» isaaniin jedheen maayessa uf duubaan sissiiqanii lafatti gad kufan. Akkasuma ammallee, «Eennuun barbaaddan?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Yesuusii Naazireeti'iiti» jedhaniin. Yesuus deebisee «ana isaaniin jedhe; Eeganaa Ana yoo soqa'aa jiraattan, kunniin haa deemanii dhiisa'aanii» jedhe. Kun, «Ka naa kennite kanniin keessaa tokkochallee hin balleessine» dubbiin jedhu akka raawwatamuuf. Simoon Pheexroos waan guraadee qabateeruuf ol luqqifatee garbicha bulchaa gadootaa dhayee gurra mirgaa irraa mure. Maqaan garbichaa «Maalkoos» jedhama. Yesuus Pheexroosiin, «Guraadee kee qola keessatti gad deebifadhu! Mijuu Abbaan kiyya naa kenne hin dhuguu?» jedheen. Eeganaa loltoonninii fi ajajaan kumaa, hojjattoonni Yihuudotaallee Yesuusiin qabanii hidhan. Dura gara Haanna'aa fidan. Haannaan soddaa Qayyaaffa'aati, Qayyaaffaan ammo bara san bulchaa gadootaati. Qayyaaffaanillee namni tokko waan bani'iitiif du'uu woyya jedhee ka Yihuudota gorse ture. Simoon Pheexroosii fi darasaan biraallee Yesuusiin faana deeman. Darasaan sun bulchaa gadootaa biratti beekkama'a. Yesuusiin woliin gara dallawa bulchaa gadootaa seene. Pheexroos ammo diida balbala dhaabateera. Eeganaa bulchaa gadootaa biratti beekkamaa ture. Darasaan biraallee bayee ta balbala eeddutti himee Pheexroosiin seensise. Hojjattuun balbala eeddu Pheexroosiin, «Atillee darasoota keessaa tokkoomii?» jetteen. Inni ammo, «Wa'a, anaa miti» jedhe. Waan qorri tureef hojjattoonninii fi eeddoonni ibiddaa bobeessanii dhaabatanii oo'ifata'aa turan. Pheexroosillee akkasuma isaan woliin dhaabatee oo'ifata'aa ture. Bulchaan gadootaa Yesuusiin waan darasootaatii fi waan barumsaa gaafateen. Yesuusillee deebisee, «Ani namoota afo'otti addaataa Adunya'atti dubbadheera. Mana sagada Yihuudonni maruu itti wol gayanitti, Mana Woyyuu keessatti, Ani hennaa maraa barsiisa; dhossa'atti womaa hin dubbanne. Waan maali'ii na gaafattan? Worra waan ani itti hime dhagayan gaafadhu. Kunoo kunniin waan ani dubbadhe hin beekanii» jedheen. Hennaa inni kana jedhe worra hojjattootaa ka achi dhaabata'aa turan keessaa tokko, «Bulchaa gadootaatitti akkana deebiftaa?» jedhee Yesuusiin dhabanaasa'aan dhaye. Yesuusillee deebisee, «Yoo badaa dubbadhee jiraadhe, waan hama'aaf ragi; yoo waan mishaa dubbadhee jiraadhe ammo maaf na dhoofta?» jedheen. Kanaaf Haannaan akkuma Yesuus hidhameen gara Qayyaaffaa bulchaa gadootaa ergeen. Simoon Pheexroosillee dhaabatee ibidda oo'ifata'aa ture. Eeganaa «Ati ammo darasoota isaa keessaamii?» jedhaniin. Innillee, «Anaa miti» jedhee waakkate. Firri namicha Pheexroos gurra muree tokko, ka garbicha bulchaa gadootaa ta'e keessaa, «Ani hulee biqiltu'uutitti isa woliin si hin arginee?» jedheen. Akkuma Pheexroos lammeessoo waakkateen yoosuu lukkuun iyye. Yesuusiin qe'ee Qayyaaffa'aatii gara moonaa bulcha'aa fidaniin, hennaan sunillee ganama ture. Isaanillee waan hoolaa ayyaana Faasika'aa nyaachuuf ta'aniif akka hin xuroofneef jedhanii gara kaloo bulcha'aa hin seenne. Kanaaf Philaaxoos gara diidaa gara isaanii bayee «nama kana waan maali'iitiif himattan» isaaniin jedhe. Isaanillee deebisanii, «Kun uduu ka hamaa hin hojjanne ta'ee, silaa sitti dabarsinee hin kenninu» jedhaniin. Philaaxoos, «Isin deema'aatii akka seera keessaniititti itti murteessaa'a» isaaniin jedhe. Yihuudonni, «Nu eennuunillee akka ajjeefnuuf seerri nuu hin kennu» jedhaniin. Yesuus du'a attamii akka du'u'uuf ta'u mudhisu'uuf jedhee dubbate sun akka raawwatamuuf. Philaaxoosillee deebi'ee gara mana bulcha'aa seenee Yesuusiin waamee, «Mootiin Yihuudi'ii si'ii?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Kana ka jettu ufuma irraa mo'o yookaan kaawwantu waan kiyya sitti hime?» jedheen. Philaaxoos deebisee, «Ani Yihuudi'ii ree? Worri keetii fi bulchoonni gadootaa wonti natti dabarsanii si kennaniif maal gooteeti?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Mootummaan tiyya ta biyya lafaa tanaa miti. Uduu mootummaa adunyaa tanaa ta'ee Yihuudotatti akka hin kennamne silaa worri na faanaa deeman naa lolan. Amma ammo mootummaan tiyya asii miti.» Philaaxoosillee «eeganaa ati Mootii Yihuudotaatii?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Ani akka mootii ta'e atuu jette. Ani dhugaa ragu'uuf dhaladheera, kanaaf gara adunya'aa dhufeera. Sababaa dhuga'aatiif maruu laagaa kiyya hin dhagaya» jedhe. Philaaxoos, «Dhugaan maali'i?» jedheen. Kana jedhee deebi'ee gara Yihuudotaa bayee, «Ani yakka tokkollee isa irratti hin argine.» jedhe. Haa ta'uu ammo Ayyaana Fasika'aatiif mootichi nama tokkicha akka isinii hiiku aadaa qabdan. Kanaafuu akka mootii Yihuudi'ii isinii hiiku feetanii?» isaaniin jedhe. Martinuu deebisanii, «Baarbaaniin malee kanaa miti» jedha'aa iyyan. Baarbaan ammo saamtuu ture. Kanaan maayessa Philaaxoos Yesuusiin qabee dhaansise. Loltoonnillee Korbobboo qore'ee maranii mataa irra kaayan; uffatta diimaa itti uwwisan. Itti dhiyaatanii, «Mootii Yihuudi'ii nageenni siif haa ta'u» jedha'aa dhabanaasaniin. Philaaxoos ammo gara diidaa bayee, «Kunoo yakka tokkollee akka isa irratti hin argine akka beettan isa ammo gara diidaa isinii baasa» isaaniin jedhe. Yesuusillee Korbobboo qore'ee mata'atti godhatee uffata diimaa uffatee gara diidaa baye; Philaaxoosillee, «Namichi kunooti!» isaaniin jedhe. Bulchoonni gadootaatii fi hojjattoonni hennaa argan, «Fannisi! Fannisi!» jedha'aa wocan. Philaaxoosillee, «ani yakka tokkollee isa irratti waan hin argineef, isin fuudha'aatii fannisaa'a» isaaniin jedhe. Yihuudonnillee deebisanii, «Nu seera qabna; akka seera keennaatitti du'uu barbaachisa. Ilma Rabbii waan uf godheef» isaan jedhan. Kanaaf Philaaxoos haga waan kana dhagaye guddisee sodaate. Deebi'ee gara moonaa bulcha'aa seenee, «Ati eessaa dhufte?» jedheen. Yesuus ammo waan tokkollee hin deebifneef. Philaaxoos, «Natti hin himtuu? si fannisu'uuf si hiiku'uufillee akka baallii qabu hin beettuu?» jedheen. Yesuus deebisee, «Olii uduu sii kennamuu dhabaatee, silaa ana irratti baallii hin qabdu. Kanaafuu ka dabarsee sitti na kenneef cubbuun isaa ka caalu ta'a» jedheen. Asiin maayessa Philaaxoos hiiku'uunii fedhe, haa ta'uu ammo Yihuudonni, «Kana yoo hiitte, ati jaalalloo Qeesaariitii miti; ka mootii uf taasisu maruu faalleessaa Qeesaariiti» jedha'aa wocan. Philaaxoosillee waan kana dhagayee Yesuusiin gara diidaa gad baasee, gara hulee dhagaa baxxichaa ka afaan Ibraayisxiitiin, «Gabataa» jedhamuutitti barcumaa murti'ii irra taa'e. Guyyaanillee guyyaa faasika'aaf qophaayan ture; gara sa'aatii jahaatitti Philaaxoos Yihuudotaan, «Mootiin keessan kunooti» isaaniin jedhe. Isaan ammo, «Balleessii! Fannis!» jedha'aa wocan. Philaaxoosillee, «Mootii keessan fannisuu?» isaaniin jedhe. Bulchoonni gadootaallee, «Qeesaarii achitti mootii biraa hin qabnu!» jedhanii deebisaniif. Kanaaf hennaa san akka fannifamu dabarsee isaanitti kenne. Kanaan maayessa Yesuusiin qabanii deemaniin; fannoo baadhatee gara gaara afaan Ibraayisxiitiin, «Golgootaa» jedhamu hulee «Buqqee mata'aa» jedhamutti baye. Achitti isa fannisan; isa woliin kaawwan bita'aa fi mirgaan; Yesuusiin ammo wodhakka'atti fannisan. Philaaxoosillee akkasuma barreeffama barreessee fannoo irra kaaye. Barreeffamni sun, «Yesuusii Naazireetii mootii Yihuudi'ii» jedha. Huleen Yesuus itti fannifame waan gara qacha'aa dhiyaatuuf Yihuudonni hedduu barreeffama kana dubbisa'aa turan; afaan Ibraayisxiitiin, Roomaa'aatii fi Giriikiffaatiinillee barreeffameera. Kanaaf bulchoonni gadoota Yihuudi'ii Philaaxoosiin, «Akka inni, ‹ani mootii Yihuudotaati› jedhe ati, «Mootii Yihuudotaati jettee hin barreessin» jedhaniin. Philaaxoosillee, «Waan barreessu barreesseera» jedhee deebiseef. Loltoonni Yesuusiin haga fannisaniin maayessa uffata isaa hulee afuritti qoodanii qoodaman. Qambisaa isaallee hin fudhatan. Qambisaan gubba'aa haga jalaa ka gad diratan malee ka hodhamee miti. Kanaaf, «Hixaa itti haa buufannuu malee, hin biinxinu woliin jedhan. Kunillee, «uffata kiyya gar gar qoodaman, kittaa kiyyallee hixaa itti buufatan» ka jedhame dubbiin kitaabaa akka raawwatamuuf worri loltootaa akkas godhan. Haa ta'uu ammo fannoo Yesuusii biratti haadha isaa, obboleettii isaa, haadha manaa Qalayoophe'ee, Maariyaamii Maqidala'aatii fi Maariyaamillee achi dhaabatanii turan. Yesuusillee haadha ufiitii fi darasaa jaalatu isa bira ka dhaabata'aaru hennaa arge, haadha isaatiin, «Haadha tiyya! mucaan kee kunooti» isi'iin jedhe. Asiin maayii darasichaan, «Haati tee kunooti» jedheen. Achiin maayessa sa'aatii san irraa jalqabee darasichi gara mana ufii galeen. Kanaan maayessa Yesuus wonti maruu akka raawwatame beekee dubbiin kitaabaa akka raawwatamuuf, «Dheebodhe» jedhe. Meeshaan daadhiin woyini'ii dhangaggooftuun itti guuttame tokko achi jira; isaan keessaa tokko fiigee dhufee qaccee ule'eetitti carqii hidhee daadhii woyini'ii dhangaggooftuu keessatti cuuphee, akka afaanitti cophu dhiyeesseef. Yesuus haga hadhaayaa san fudhateen maayii «raawwatame» jedhee mata'aan gad rarra'ee lubbuu ufii dabarsee kenne. Yihuudonni guyyaan guyyaa ayyaanaaf qophaayan waan ta'eef guyyaan Sambataa sun guddaa waan tureef reeffi isaa guyyaa Sambataa fannoo irra akka hin oolle luka cabsanii akka buusaniif Philaaxoosiin kadhatan. Loltoonnillee dhufanii luka namicha Yesuusiin afo'otti isa woliin fanniffamee cabsan. Hennaa gara Yesuusii dhufan inni sirima akka du'e arganii luka isaa ammo hin cabsine. Haa ta'uu ammo loltoota keessaa tokko ebo'oon kalee woraannaan yoosuu dhiinninii fi bisaan keessaa jige. Ka kana argellee akka isin amantaniif rage; ragaanillee dhuga'a, isinillee ammo akka amantan inni akka dhugaa dubbatu hin beeka. Kun wonti ta'eef dubbiin kitaaba Rabbii ka, «Lafeen hin cabu» jedhu akka raawwatamuuf. Akkasuma kitaabni biraallee, «Worri woraane hin arga» jedha. Asiin maayii waan Yihuudiin sodaateef dhossa'atti ka darasaa Yesuusii ture, Yooseefiin Armaatiya'aa reeffa Yesuusii fudhachu'uuf Philaaxoosiin kadhate. Philaaxoosillee hin kenneef. Kanaaf dhufee reeffa Yesuusii fudhate. Akkasuma Niqoodimoosiin achiin dura halkaniin gara Yesuusii dhufe qumbi'ii fi hadhaa hargiisaan wolitti makame haga karbee xaasaa afurtamaa gayu qabatee dhufe. Reeffa Yesuusiillee fuudhee akka seera Yihuudonni itti sattaranitti urgo'oon uffata woyaa qoolaatiin sattaran. Urgee inni itti fannifame sanitti biqiltu'utu jira. Hulee biqiltu'uu sanitti haga hennaa sanii womaa itti hin awwaalamne. Kanaaf huleen awwaalaa dhiyoo waan tureef haga gaafa Yihuudonni qophaayaniitiif reeffa Yesuusii achi kaayan. Jalqaba torbaanii guyyaa Dilbataa Maariyaam ta qachaa Magidala'aa ganama obboroo gara hulee awwaalaa dhufte; dhagaan ka awwaala irraa gangalfameeru argite. Fiiga'aa gara darasicha Yesuus jaalatuu fi gara Simoon Pheexroosii dhaxxee, «Gooftaa awwaala keessaa fudhataniiran; eessa akka kaayan hin beennu» isaaniin jette. Kanaaf Pheexroosii fi darasaan biraallee bayanii gara awwaalaa dhaqan. Isaan lamaanuu woliin fiiganii darasaan biraallee Pheexroosiin bira lufee daddafee afo'otti fiigee firrisee hulee awwaalaa gaye. Gad jedhee yoo laalu uffata isaan sattaran achitti arge; haa ta'uu ammo hin seenne. Simoon Pheexroosillee isa faanaa dhufee awwaala keessa seene. Uffata isaan sattaran achitti arge. Akkasuma uffata mataa isaa irra ture kopha'atti ka hulee tokkotti marameeru arge. Ka hennaa san firrisee gara hulee awwaalaa dhufee ture darasichi biraallee seenee argee amane. «Ka worra du'an keessaa hin ka'a» jedhu ka haga hennaa sanii waan hin hubanneef. Darasoonni deebi'anii gara mana ufii deeman. Maariyaam ammo booya'aa awwaalaan ala diida dhaabata'aa turte. Booya'aa awwaalatti gad jettee laalte. Maleekkaan lamaa uffata adii uffatanii hulee reeffi Yesuusii ciisee ture tokko mataa irraan, kuun jalaan taa'ee argite. Isaanillee, «Intala nana! maaf bootta?» isi'iin jedhan. Isiinillee, «Gooftaa kiyya fudhataniiran; eessa akka kaayan hin beenne!» isaaniin jette. Kana jettee uf duuba midhattee yoo laaltu Yesuusiin ka dhaabateeru argiteen. Isiin ammo Yesuusiin akka ta'e hin beenne. Yesuusillee, «Intala nana! maaf bootta? Eennuun soxxaa?» jedheen. Isiinillee nama biqiltuu eegu seetee, «Gooftaa kiyya! Ati yoo fudhattee jiraatte eessa akka keette natti himi; anillee dhaqee fudhadhaa» jetteen. Yesuusillee, «Maariyaam» jedheen; isiinillee uf duuba laaltee Ibraayisxiffaan, «Rabbunii» jetteen; hiikkaanillee, «Barsiisaa'a!» jechu'u. Yesuusillee, «amma gara Abbaa kiyyaa waan ol hin baaneef, «Na hin tuqin! deemiitii gara obboleewwan kiyyaa dhaqiitii, ‹Ani gara Abbaa kiyyaa fi keessanii gara Waaqa kiyyaa fi keessanii ol baya'aara› jedhii isaanitti himi!» isi'iin jedhe. Maariyaam ta qachaa Maqidala'aa gara darasootaa dhaxxee, ani Gooftaa argeera jette. Waan inni isi'itti hime maraa isaanitti himte. Guyyaan sunillee torbaan keessaa guyyaa jalqabaati; hennaa dhiye hulee darasoonni wol gayanii turanitti Yihuudota waan sodaataniif uduu balbala cufatanii jiran, Yesuus dhufee isaan jidduu dhaabatee, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin jedhe. Kana jedhee harkaa fi kalee ufii isaanitti mudhise; darasoonnillee haga Gooftaa argan hin gammadan. Yesuus ammallee lammata, «Nageenni isiniif haa ta'u. Akkuma Aabba na erge, Anillee isin erga» isaaniin jedhe. Kana jedhee hafuura isaanitti baafatee, «Ayyaana Woyyuu fudhadhaa'a! Worri isin cubbuu isaanii dhiiftaniif maruu cubbuun isaanii dhiifama. Yoo isin araaramu'uufii baattan, isaan araara hin argatan» isaaniin jedhe. Haa ta'uu ammo kudha lamaan keessaa tokko, «Didimoos» namni jedhamu Toomaas hennaa Yesuus dhufe isaan woliin hin jiru. Darasoonni kuuwwan, «Gooftaa argineerra!» jedhaniin. Inni ammo, «Harka isaa ka mismaari'iin woraanname malkata san argu malee, quba kiyyallee qaalawa san keessa kaayu malee, kalee isaa keessa cinaacha keessa yoo harka hin keenne hin amanu» isaaniin jedhe. Guyyaa saddeetaan maayii akkasuma darasoonni mana keessa turan. Toomaasillee isaan woliin jira. Uduma balballi cufameeru Yesuus dhufee isaan jidduu dhaabatee, «Nageenni isiniif haa ta'u» isaaniin jedhe. Achiin maayessa Toomaasiin, «Quba kee asi fidiitii harka kiyya laali, harka kee fidiitii kalee kiyya keessa kaayi, nama amante ta'i malee ka hin amanne hin ta'in!» jedheen. Toomaasillee, «Gooftaa kiyya Waaqaa kiyya!» jedhee deebiseef. Yesuusillee, «Ati waan na argiteef amanteerta; worri uduu hin argine amanan isaan worra eebbifame!» jedheen. Yesuus maalalee biraallee ka kitaaba kana keessatti hin barreeffamne heddu darasoota afo'otti godhe. Haa ta'uu ammo Yesuus inni Kiristoos ilma Rabbii akka ta'e akka amantan amantiinillee maqaa isaatiin jireenna akka isinii ta'u kun barreeffameera. Kanaan maayessa Yesuus galaana Xibiriyaadoosii biratti darasootatti deebi'ee isaanitti mudhate. Simoon Pheexroosii fi ka Didimoos jedhamu Toomaas nama Qaanaa Galiilaa Naatinaa'elii fi ijoolleen Zabdewoosii darasoota keessaallee ka biraa namoonni lamaa isaan woliin turan. Simoon Pheexroos, «Ani Qurxummii qabu'uuf deema'aara» isaaniin jedhe. Isaan, «Nullee si woliin deemna» jedhaniin. Bayanii gara yabalaa seenan; halkan san ammo womaa hin qabne. Haga bari'e Yesuus galaana bira dhaabate. Darasoonni ammo Yesuusiin ta'uu hin beenne. Yesuus, «Ijoollee tiyya! Waan nyaatan qabduu?» isaaniin jedhe. Isaan, «Hin qabnu» jedhanii deebisaniif. Innillee, «Siiboo keessan yabala keessan gara mirgaatiin darbaa'a hin argattanii» isaaniin jedhe. Kanaaf hin darbatan; hennaa san sababaa baay'inna qurxummi'iitiif harkisuu dadhaban. Darasaan Yesuus jaalatu Pheexroosiin, «Goofta'aa bee!» jedhe. Kanaaf Simoon Pheexroos Gooftaa ta'uu haga dhagaye waan qullaa tureef uffata uffatee gara galaanaa uf darbe. Darasoonni kuuwwan ammo lafa irraa haga ciqilee dhibba lamaa caalaa guddaa waan hin fagaanneef siiboo qurxummi'iin guuttame harkisa'aa yabalaan dhufan. Haga gara lafaa bayan qurxummi'ii fi xoroshoo barbadaa irra jiru argan. Yesuus, «Qurxummii amma qabdan keessaa as fidaa'a» jedheen. Simoon Pheexroosillee gara yabalaa seenee qurxummii dhibbaa fi shantamii sadihii gugurdaa siiboo guutee gara lafaa harkise; haga kana maraa qurxummiin guddaa ta'ullee siiboon hin biinxamne. Yesuusillee, «Koottaa hurbaata nyaadhaa'a!» isaaniin jedhe. Darasoota keessaa tokkollee, «Ati eennu?» jedhee ka isa qoruu ugge hin jiru; waan akka inni Gooftaa ta'e beekaniif. Yesuus dhufee xoroshoo fuudhee isaaniif kenne; akkasuma qurxummiillee'e. Yesuus worra du'an jiddu'uu ka'ee hennaa sadeesso'ootiif darasootatti mudhate. Haga xoroshoo nyaataniin maayessa Yesuus Simoon Pheexroosiin, «Ilma Yoona'aa Simoon! Kanniin caalaa na jaalattaa?» jedheen. «Ee, Gooftaa, akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedheen. «Ilmoolee tiyya bobbaasi» jedheen. Ammallee lammeessoo, «Ilma Yoona'aa Simoon, na jaalattaa?» jedheen. «Ee Gooftaa! akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedheen. Yesuus, «Korbeeyyii tiyya eegi» jedheen. Sadeesso'oof, «Ilma Yoona'aa Simoon! na jaalattaa?» jedheen. Sadeessoo, «Na jaalattaa?» jennaaniin Pheexroos gaddee, «Gooftaa kiyya! Ati waa maraa beetta; akka si jaaladhullee atuu hin beetta» jedheen. Yesuusillee, «Hoolota tiyya bobbaasi; Ani dhugama dhuga'aatiin siin jedha, hennaa nama dargaggeessa turte mudhii kee ufumaan hidhattee hulee feete deemta. Haa ta'uu ammo hennaa jaartee harka kee ol qabattee namni biraa mudhii kee si hidhee gara ati hin barbaanne si fida» jedheen. Du'a attamiitiin Rabbiin kabajju'uuf akka ta'u mudhisu'uuf kana jedhe. Kana haga jedheen maayessa, «Na faana koottu!» jedheen. Pheexroosillee midhatee darasicha Yesuus jaalatu uduu isa faanaa deemu arge; innillee hennaa dhiyanaa gara qoma isaatitti siiqee, «Gooftaa'a, ka dabarsee si kennu eennu?» ka jedhee gaafate san. Pheexroosillee kana argee Yesuusiin, «Gooftaa'a! kunillee attamitti ta'a?» jedheen. Yesuus, «Haga ani dhufuuf akka jiraatu yoo jaaladhe hoo maaltu si dhibe? Ati na faana koottu» jedheen. Kanaaf darasichi sun hin du'u wonti jedhame uduu gara obboleewwanii gayee, haga Yesuus dhufuuf akka jiraatu yoo jaalate maaltu si dhibe?» jedheen malee hin du'u hin jenneen. Waan kanniiniillee ka ragee fi ka barreesse darasaa kana; ragaanillee dhugaa akka ta'e hin beenna. Yesuus waan biraallee heddu hojjateera. Akkasuma uduu marti isaanii tokko tokkoon barreeffamanii jiraatanii, kitaabbilee barreeffaman saniif lafti tun waan geettu natti hin fakkaatu. Teewofiloos! Ani waan Yesuus hojjachu'uu fi barsiisuu jalqabe maraa kitaaba kiyya ka jalqabaa keessatti sii barreesseera; sunillee waan haga guyyaa sami'itti ol fudhatamuutitti ergamtoota filatee fi ajaja karaa Ayyaana Woyyu'uutiin isaanii kennamteeti. Akkasuma guyyaa afurtamaaf waan jeennata Rabbii isaanitti hima'aa ragaa hedduun rakkinna fanno'ootiin maayii jiraataa ta'ee isaanitti uf mudhise. Hennaa isaan woliin jiru akka Yerusaalemiin keessaa hin baane isaan ajaje. Haa ta'uu ammo, «Dubbii abdi'ii ka Aabba kenne ka hennaa ani dubbadhu na irraa dhageettan eegaa'a» «Yohaannis bisaaniin cuuphee ture; isin ammo guyyaa hago'oon maayii Ayyaana Woyyu'uun cuuphamtan» jedhe. Isaan hennaa wol gayan, «Gooftaa kennaa! Hennaan mootummaa Israa'elii deebiftee dhaabdu ammaa?» jedhanii gaafatan. Innillee deebisee, «Ji'oota fi woggoota Aabba baallii ufiitiin murteesse beekuun isinii hin kennamne. Haa ta'uu ammo hennaa Ayyaanni Woyyuun isin irratti bu'e hunna argattan; Yerusaalemii fi Yihuudaa maratti, Samaariya'aa haga daangaa lafaa ragaa kiyya taatan» jedhe. Kana haga dubbateen maayii uduma isaan isa argan gara sami'ii ol fudhatame; duumessillee ija isaanii afo'oo isa dhosse. Inni deemnaan gara sami'ii xiinxallanii uduu lala'aaran namoonni lamaan uffata adii uffatan ladda isaanii dhaabatanii, «Namoota Galiila'aa! maaf dhaabattanii gara sami'ii laaltan? Yesuusiin isin biraa gara sami'ii baye kun akkuma hennaa deemu argitan akkasuma deebi'ee dhufa» isaaniin jedhe. Kanaan maayessa gaara gaara ejersaa ka jedhamu irraa gara Yerusaalemii deebi'an. Gaarri kun Yerusaalemiin irraa deemsa guyyaa Sambataa (kiilomeetira tokko) ta'a. Hennaa seenan gara mana mana gubba'aa ol bayan; Pheexroos, Yohaannis, Yaaqoob, Indiriyaas, Filiphoos, Toomaas, Bertelomeewoos, Maatewoos, ilmi Ilfiyoosii Yaaqoob, ka hinaafaa jedhamu Simoonii fi Yihuudaa ilma Yaaqoobii fa'a. Kunniin maruu dubartoota, haadha Yesuusii Maariyaamii fi obboleeyyan woliin yaada tokko ta'anii Rabbiin kadhachu'uun jabaatan. Hennaa san Pheexroos amantoota dhibbaa fi diddamaa wodhakkaa dhaabatee akkana jedhe, «Amantoota! waan Yihuudaa worra Yesuusiin qabaniif masakkaa ta'ee wonti Ayyaanni Woyyuun afaan Daawitiitiin dursee dubbate dubbiin kitaabaa akka raawwatamuuf. Inni nu keessatti laakkayamee waan tureef, tajaajila kanaaf hiree argate. Namichi kun gatii hujii hammeennaan hojjatee argateen lafa bite; achumatti kallachaan gad kufee wodhakka'atti baqaqee madhumaan garaa isaa martinuu hin jige. Wonti kun worra Yerusaalemiin jiraatan maraa biratti hin beekkame. Kanaafuu lafti sun afaan isaaniitiin «Akeldaamaa» jedhamee waamame. Hiikkaan isaa, «Lafa dhiigaa» jechu'u. Kitaaba faarfanna'aa keessatti, ‹Jireenni isaa lafa gammoojji'ii haa ta'u; womaa keessa hin jiraatin›; akkasuma, ‹Baallii isaa namni biraa haa fudhatuu› jedhamee waan barreeffameeruuf. Kanaafuu cuuphaa Yohaannisiitii jalqabee haga guyyaa nu biraa ol bayeetitti bara Gooftaan Yesuus nu jidduu jiraate namoota nu woliin jiran keessaa, tokko nu woliin ragaa du'aa ka'uu isaa ta'uu barbaachisa. Kanaan maayessa Iyyoosxoos ka jedhame, Barsiyaanii Yooseef jedhamee fi Maatiyaasiin lamaan kanniin dhiyeessan. Hennaa Rabbiin kadhatan, «Gooftaa'a! ati ka garaa nama maraa beettu hulee Yihuudaan dhiisee gara fedha ufii deeme saniif hujii ergamu'uu kana akka huju, namoota lamaan filatte kanniin keessaa tokko muudi» jedhan. Achii isaan hixaa buusanii, hixaan Maatiyaasiin qabee inni ergamtoota kudha tokkoo keessatti laakkayame. Guyyaan Ayyaana shantameesso'oo ka, «Pheenxeqoosxee» jedhamu hennaa gaye, maruu yaada tokko ta'anii uduu woliin jiran; dimmaa akka haboonbolattii cimaa lafaa ol nama butuutitti samii irraa laagaan dhufee mana keessa taa'anii jiran san maraa guute. Wonti akka arraba ibiddaa fakkaatu isaanitti mudhate. Achiin maayessa gar gar ciccitee isaan maraa irra taa'e. Isaan maruu Ayyaana Woyyu'uun guuttamanii akka Ayyaanni isaanii kennetti afaan gara garaa dubbachuu jalqaban. Banii ardii irra jiraatan maraa keessaa Yihuudonni Rabbiin kadhachu'uun jabaatan Yerusaalemiin keessa jiraata'aa turan. Hennaa laagaan kun dhagayame baniin maruu wolitti qabamee hennaa isaan afaan ufiitiin dubbatan waan dhagaya'aa turaniif waan jedhan dhabanii baaseffatanii maalalanii akkana jedhan, «Kunniin worri akkana dubbatu maruu namoota Galiila'aatii mii? Nu marti keennaa afaan keenna ka ittiin dhalanne attamitti dhageenna? Nu namoonni Phaarte'ee, Meedii ka Ilamexxemiillee worra laga lamaan jiddu'uu ka Qephidooqiya'aa, ka Phaanxoosii, Esiyaa, Firgiyaa, Phinfiliya'aa fi Misirattillee gara Qereena'aatiin jiran nu worri aanota Libiya'aa jiraannu, worri Rooma'aa dhufne, Yihuudonni worri gara worra Yihuudotaa galle; nu worra Qerxeesiitii fi namoota Arabaa yoo taanu hennaa namoonni guddinna hujii Rabbii afaan keennaan dubbatan isaan dhageenne» Maruu maalalfatanii mama'aa, «Kun maal ta'inna? hin beennu» woliin jedhan. Kuuwwan ammo isaanitti balda'aa, «Daadhii dhuganii quufaniiti!» jedhan. Hennaa tana Pheexroos jara kudha tokkoo woliin ol ka'ee dhaabatee laagaa ol qabatee akkana jedhee dubbate. Yihuudonninii fi isin worri Yerusaalemiin keessa jiraattan maruu kun isin biratti ka beekkame haa ta'u; dubbii kiyyallee dhagayaa'a; Hennaan ganama keessa sa'aatiin sadihi waan ta'eef akkuma isinitti fakkaate kunniin worra machaayee miti. Haa ta'uu ammo kun akkuma raaga Iyyu'eeliitiin, ‹Guyyaa dhumaatitti ani akkana godha jedhe Rabbi: nama foon uffate maraa irratti Ayyaana kiyya hin buusa. Ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa raaga dubbatan; dargaggeeyyiin teessan manaaba argan, manguddoonni teessanillee eebjuu eebjotan. Akkasuma ammo ji'oota sanitti garboota tiyya ta dhiiraatii fi ta intalaa irratti, Ayyaana kiyya hin buusa; isaanillee raaga dubbatan. Ol samii gubba'atti baasa, ardii irratti malkata godha. Dhiigaa fi ibiddi, hurriin aaraallee hin ta'a. Guyyaan guddaanii fi ulfaataan Goofta'aa uduu hin dhufneen dura, aduun gara dukkanaa; jiini gara dhiigaa hin jijjiirama. Ka maqaa Goofta'aa waamu maruu hin fayya.› «Namoota Israa'elii! dubbii kana dhagayaa'a; akkuma isinuu beettan Rabbi karaa Yesuusii Naazireeti'iitiin isin jiddu'utti baasaa fi maalale'een nama malkataan Rabbiin biraa isinitti mudhate. Nama kana Rabbi akkuma dur murteessee fi akkuma duraan dursee yaadeef beekkumsa isaa ka durii irraan harka worra hammeeyyi'iitiin fanniftanii ajjeeftan. Rabbi ammo hunna du'aa balleessee isa kaase; duuti isa qabuu waan hin dandeenneef. Daawiti waan isaa akkana waan jedhuuf; ‹Hennaa maraa Gooftaa afoo kiyyatti arga, akka ani hin raafamne mirga kiyya jira. Kanaafuu garaan kiyya na gammade; afaan kiyyallee gammachu'uun guuttame, Akkasuma foon kiyyallee abdi'iin jiraata. Lubbuu tiyya asaaba keessatti; woyyuu keellee akka shamuuf hin dhiiftu. Karaa jireennaa na beessiftee, afoo keetitti gammachu'uun na guutta. «Obboleeyyan tiyya! waan bulchaa sooressa abbooti'ii waan Daawitii du'ee akka awwaalame addaataa akka dubbadhu na hoffolchaa'a; awwaalli isaallee haga adhaa nu bira jira. Raaga waan ta'eef teessoo irra akka kaayu Rabbi kakuu akka kakateef waan beekeef. Waan du'aa ka'iitii Kiristoosii dursee argee lubbuun isaa hulee badi'iititti akka hin hafne; foon isaallee akka hin shamne› hime. Yesuusii kana Rabbi du'aa kaaseen; waan kanaaf nu maruu raga'a. Kanaafuu mirga Rabbiititti ol fudhatamee dubbii abdii Ayyaana Woyyu'uu Aabbaan irraa fudhatee ka amma isin argitanii fi ka dhageettan kana gad dhangalaase. Daawiti waan gara sami'ii ol hin baaneef; Haa ta'uu ammo inninuu, ‹Gooftaan Gooftaa kiyyaan, diintota kee ejjata luka keetii haga sii godhutti mirga kiyya taa'i› jedheen. «Eeganaa Yesuusii isin fanniftan kana Rabbi Goofta'aa fi Kiristoosiin akka taasise worri gosa Israa'elii maruu dhugamaan haa beekanii!» jedhe. Hennaa kana dhagayan garaan isaanii tuqamee Pheexroosii fi ergamtoota kaawwaniinillee, «Obboleeyyan teenna! maal haa goonuu?» isaaniin jedhan. Pheexroosillee akkana jedhe, «Aagii galaa'a; cubbuunillee akka isiniif dhiifamtu; marti keessanuu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa'a; kennaa Ayyaana Woyyu'uullee hin fudhattanii. Dubbii abdi'iillee isinii fi ijoollee teessaniif, worra Waandhi Gooftaan keenna gara ufii waamuuf, worra fagoo jiran maraafuu waan ta'eef» isaaniin jedhe. Jecha biraallee heddu ragee, «Dhaloota dabaa kana jalaa uf oolchaa'a» jedhee isaan gorse. Isaan keessaa worri dubbii fudhatan cuuphaman; guyyaa san namoonni kuma sadihii isaanitti eda'aman. Barumsa ergamtootaatiin, Xoroshoo woliin nyaata'aa Rabbiin kadhachu'uttillee hin jabaatan. Harka ergamtootaatitti baasaa fi maalaleen hedduu waan ta'eef namoonni maruu guddisanii sodaatan. Worri amanan maruu woliin jiraatan; waan qaban maraa hulee tokkotti wolitti qabatan. Lafaa fi qabeenna gurguran kamuu akkuma isaan barbaachisutti maraafuu qooda'aa turan. Guyyaa maraa garaa tokkoon, mana sagadaatitti, mana isaaniitittillee wol gayanii jabaatanii xoroshoo woliin nyaata'aa gammachu'uu fi garaa qulqullu'uun hurbaata ufii nyaatan. Rabbiinillee hin galatoonfatan; banii maraa afo'otti gaachena qaban ture. Gooftaanillee worra fayyan guyyama guyya'aan isaan irratti eda'a'aa ture. Pheexroosii fi Yohaannisillee hennaa Rabbiin kadhatan sa'aatii sagalitti gara mana woyyu'uu dhaqan. Worra mana woyyuu seenan irraa waa kadhatu'uuf, nama namoonni baadhatanii gara balbala mana woyyu'uu ka maqaan isaa «Midhaagaa» jedhamuu fidanii guyya guyya'aan achi kaayan tokkotu ture. Inni urga dhalate irraa jalqabee nafti isaa naafa. Inni Pheexroosii fi Yohaannisiin uduu gara mana woyyu'uu seena'aaran argee akka waa isaa kennaniif isaan kadhate. Isaan ija isaa keessa guuttatanii laalanii Pheexroos, «Mee gara keenna as laali!» jedheen. Innillee waa isaan irraa fudhatu'uuf jedhee gara isaanii laale. Pheexroos ammo, «Birri'ii fi Worqii hin qabu; waan qabu ammo sii kenna; maqaa Kiristoos Yesuusii Naazireeti'iitiin ka'ii deddeebi'i» jedheen. Harka mirgaatiin qabee ol kaaseen; yoma san luttinii fi mogoleen jabaate. Innillee yoosuu ol utaalee dhaabatee deddeemuu jalqabe, Ol ka'ee qajeelee dhaabate; deema'aa isaan woliin gara mana woyyu'uu seene; utaala'aa Rabbiin galatoonfate. Baniin maruu hennaa inni Rabbiin galatoonfata'aa deddeemu arganiin. «Namni kun ka dur balbala mana woyyuu seenaniin keessa taa'ee kadhatu san akka ta'e beekanii waan isa irratti ta'e san maalala'aa baaseffachuu jalqaban. Namichi kadhatu ka fayye sun uduu inni Pheexroosii fi Yohaannisiin qabatee isaanitti maxxaneeru arganii, baniin maruu gara hulee isaan jiranii gara afoo «balbala Solomoon keessa deddeebi'uu» fiiga'aa dhufan. Pheexroos hennaa kana arge akkana isaaniin jedhe, «Isin namoota Israa'elii! Maaf waan kana maalalfattan? Yookaan waan hunna mataa keennaatiin yookaan Rabbiin sodaachuu keennaan akka waan inni ka'ee deemuu akka waan nu goonee maaf xiinxallitanii ija keessa laaltan?» Waandhi abboota teenna Abrahaamii, Yisaaqii, Yaaqoobii ilma ufii Yesuusiin hin kabajje; isin garuu akka du'uuf dabarsitanii kennitan; yoo Philaaxoos isa hiikuu barbaade san isin isa afo'otti isa waakkattan; Isin woyyichaa fi qajeelaa waakkattanii ka nama ajjeese akka gad isinii hiiku kadhattan. Ka mataa jireennaa ta'e hin ajjeeftan, isa ammo Rabbi du'aa kaase. Nu waan dubbii kanaatiif raga'a. Namichi beettan ka argitan kun maqaa Yesuusiititti amanu'uun fayyee jabaate; waan maqaa Yesuusiititti amaneef isin maraa afo'otti fayyaa guutuu argate. «Amallee obboleeyyan tiyya! Isin akkasuma akka bulchoota keessanii wollaalaan akka gootan beekeera. Rabbi ammo akka rakkinni Kiristoosiin irra gayu afaan raattota maraatiin dursee waan dubbate akkasuma raawwate. Eeganaa Gooftaa biraa guyyaan jajjabeennaa akka isinii dhuftuuf, waan dura isinii file Kiristoos Yesuusiin akka isinii ergu akka cubbuun keessanillee isinii haqamu aagii galaa'a; deebi'aa'a. Rabbillee dur irraa jalqabee afaan raattota woyyu'uutiin waan dubbate maraa haga bara wonti maruu haarawoomuutitti ol samii irra turuu barbaachisa. Muuseen akkana jedheera, ‹Gooftaan Waandhi keessan raagaa akka kiyyaa isinii kenna; Waan inni isinitti himu maraa isa jalaa dhagayaa'a. Namni raaga san hin dhageenne maruu banii keessaa fooyamee haa baduu› jedhe. Lammeessoollee Saamu'eeliin irraa jalqabee isaaniin maayiillee akkasuma raattonni maruu waan ji'oota kanaa dubbatan. Isin ijoollee raattotaati; akkasuma Rabbi Abrahaamiin, ‹sanyii keetiin baniin biyya lafaa maruu eebbifama› jedhee worra waadaa inni kenne dhaalutu isin. Isiniif dursee Rabbi ilma ufii kenneera. Gari garii keessan karaa hamaa irraa deebisee isin eebbisu'uuf isa isinii erge.» Pheexroosii fi Yohaannis banii waan barsiisaniif du'aa ka'iitiin worra du'anii karaa Yesuusiitiin jedhanii waan lallabaniif bulchoonni gadootaa, dura bu'oonni mana woyyu'uutii fi Saduuqoonni aaranii isaan qaban. Hennaan sun waan dhiyeeruuf haga lafti bari'uuf isaan hidhan. Haa ta'uu ammo worra dubbii dhagayan keessaa heddutu amane. Laakkobsi dhiiraa haga kuma shanii ta'e. Bariisaa san isaanii fi manguddoonni akkasuma barsiisonni Seeraa Yerusaalemitti wol gayan. worra wol gayan keessaa bulchaa gadootaa Haannaanii fi Qayyaaffaan, Yohaannisii fi Iskindiroos maatiin bulchaa gadootaa maruu achitti wol gayanii turan. Isaan Pheexroosii fi Yohaannisiin banii wodhakkaa dhaabsisanii, «hunna kamiin yookaan maqaa eennuutiin isin waan kana gootan?» jedhaanii isaan gaafatan. Hennaa san Pheexroos Ayyaana Woyyu'uun guuttamee akkana isaaniin jedhe, «Isin bulchoonni biyyaatii fi manguddoonni, Nu ammo nama naafa kanaaf wonti mishaan godhame maali'iin akka fayye yoo qorre, Ka isin fanniftaniin, ka Rabbillee worra du'an keessaa kaase, maqaa Yesuus Kiristoosii Naazireeti'iitiin namichi kun fayyaa ta'ee afoo keessan akka dhaabate isinii fi banii Israa'elii maraa afo'otti ka beekkame haa ta'u. Inni kun dhagaa, isin worri mana dhaga'aa ijaartan tuffattan, dhagaa mataa utubaa manaa qajeelchu ta'e. Kanaafuu ooluun karaa biraa karaa eennuutiinillee hin jiru; maqaan akka nu ittiin baanuuf kenname ka namoota oolchu sami'ii gaditti Yesuusiin malee ka biraa hin jiru.» Pheexroosii fi Yohaannis addaataa akka dubbatan haga argan namoota Kitaaba hin beennee fi worra hin baranne ta'uu isaanii hubatanii Yesuusiin woliin akka turan beekanii maalalfatan. Namicha fayyellee akka isaan woliin dhaabateeru haga argan; waan isaaniin jedhan dhaban. Gumii keessaa gara diidaa akka bayan isaan ajajanii, «Namoota kanniin maal haa goonu? Maalaleen beekkamaa ta'e harka isaaniititti akka godhame Yerusaalemiin keessa worra jiraatan marattuu mudhateera; dhossuu hin dandeennu. Haa ta'uu ammo banii keessatti guddisee akka hin babadhanne ammaa achi eennullee maqaa kanaan akka hin dubbanne isaanitti baanata'aa isaan haa seerruu» jedhanii woliin mari'atan. Isaan waamanii maqaa Yesuusiitiin horoma akka hin dubbannee fi akka hin barsiifne isaan seeran. Pheexroosii fi Yohaannis ammo deebisanii, «Rabbiin dhagayuu caalaa isin dhagayuun barbaachisaa akka ta'e isinumti murteessaa'a. Nu waan arginee fi ka dhageenne himuu dhiisuu hin dandeennu» isaaniin jedhan. Isaan attamitti akka isaan adaban sababaa waan isaan irraa dhabaniif ammallee baanata'aa banii sodaatanii isaan hiikan. wonti waan kana godhaniif namoonni maruu waan ta'e saniif Rabbiin kabajja'aa waan turaniif. Namni maalaleen fayyinnaa ta'eef kun nama woggaa afurtamaa oliiti. Pheexroosii fi Yohaannis hiikkamanii gara worra isaanii dhaqanii waan bulchoonni gadootaatii fi manguddoonni isaaniin jedhan maraa isaanitti himan. Isaan hennaa waan kana dhagayan garaa tokko ta'anii laagaa ol qabatanii Rabbiin akkana jedhan, «Gooftaa keenna! Ati ka ardii, samii, galaanaa fi waan isaan keessa jiraatan maraa uumte. Karaa Ayyaana Woyyu'uutiin afaan abbaa keenna Daawitiitiin akkana jettee dubbatteerta; ‹Worri Yihuudii hin taane maaf lolaan ka'an? Baniin maaf duwwummaa ufiititti baanata? Mootonni adunya'aa hiriiranii; bulchoonni wol gayanii; Gooftaa Masihichatti ka'an› jettee dubbatte. Ilma kee woyyuu dibame Yesuusiin irratti Heroodisii fi Pheenxenichi Philaaxoos banii Yihuudota hin taanee fi Israa'eliin wolii galanii isatti baanatan; Kunillee wonti ta'eef harki keetii fi yaanni kee banii Israa'elii woliin akka ta'u akkuma duraan dursanii murteessan maraa raawwachu'uuf qachaa kanatti wol gayan. Ammallee Gooftaa keenna! Gara baanuu isaanii laali! Fayyisu'uuf yoo harka kee diriirsite hennaa maqaa Ilma kee woyyicha Yesuusiitiin maalaleenii fi baafni ta'u hojjattoonni tee karaa ifa ta'een dubbii kee guutuu akka dubbatan isaanii kenni. Haga Rabbiin kadhataniin maayii huleen isaan itti wol gayanii turan sun hin socho'e; Isaan maruu Ayyaana Woyyu'uun guuttamanii dubbii Rabbii addaataa dubbatan. Worri amanan garaa tokko fi yaada tokko qaban. Wonti isaan qaban maruu ka woliiti malee, ka qaban keessaa eennullee kiyya jedhee hin dubbatu. Ergamtoonnillee du'aa ka'iitii Goofta Yesuus Kiristoosii hunna gudda'aan ragaa bayan. Maraa irra badhaadha gudda'atu jira. Isaan jidduu rakkataan tokkollee hin jiru; lafa yookaan mana qaban maraa gurgura'aa gatii itti gurgurame fida'aa, luka ergamtootaa jala kaayan; haguma isaan barbaadan isaanii kennan. Yooseef nama biyya Qophiroosii ka dhalootaan gosa Leewwi'ii ka ergamtoonni, «Barnaabaas» jedhaniin tokkotu ture. Barnaabaas jechuun, «Ilma booharti'ii» jechu'u; innillee qonna qabu gurguree birriillee fidee luka ergamtootaa bira kaaye. Namichi Hannaaniyaa jedhamu haadha manaa Saphiiraa jedhamtu woliin lafa gurgure. Inni woma haati manaa isaa beettutti gurguree waan itti gurgure san keessaa hambifatee wodhakkaa fidee ergamtootatti kenne. Pheexroos, «Hannaaniyaa kiyya! Ayyaana Woyyuu sobdee waan lafa itti gurgurte keessaa akka hambifattu seexanni maaf garaa kee keessa guute? Uduu hin gurgurreen dura keetii mitii? Haga gurgurameen maayiillee keetumaa mitii? Waan kana maaf garaa kee keessatti yaadde? Rabbiin sobde malee namaa miti» jedheen. Hannaaniyaanillee akkuma dubbii kana dhagayeen kufee du'e. Worri waan kana dhagayan maruu guddisanii sodaatan. Dargaggeeyyiin ka'anii reeffa isaa kafananii baasanii awwaalan. Sa'aatii sadihiin maayii haati manaa isaa waan ta'e uduu hin dhageenne seente. Pheexroos deebi'ee, «Lafa teessan haganatti gurgurtanii? mee natti himi» isi'iin jedhe. Isiin, «Ee, haganumatti gurgurre» jetteen. Pheexroos, «Maaf Ayyaana Goofta'aa sobu'uuf wolii galtan? worri abbaa manaa kee awwaale kunoo balbala jiran; sillee baatanii baasan» isi'iin jedhe. Isiinillee yoma san luka isaa jalatti kuftee duute; dargaggeeyyiin hennaa seenan ka duuteertu arganii reeffa isi'ii baasanii awwaala abbaa manaa laddatti awwaalan. Woldaan Kiristaanaa maraa fi worri waan kana dhagayan maruu guddisanii sodaatan. Harka ergamtootaatti malkanni hedduu fi maalaleen banii jiddu'utti ta'e. Maruu yaada tokko ta'anii bakka mana utubaa wogga'aan qabamee ka balbala Solomooniititti wol gayan. Kaawwan keessaa tokkollee ka isaan gargaaruu uggee hin jiru. Baniin ammo ulfinna isaanii kenna'aa turan. Worri Goofta'atti amanan ka duraanii caalaa eda'aman; dhiirtinii fi dubartoonnillee heddu. Kanaafuu hennaa Pheexroos worra dhibaman bira lufu akka gaaddidduun isaa isaan fayyisu namoota wosaasa'aa fi ittillee irra raasaa ciibsa'aa turan. Akkasuma ammo qachaa naannoo Yerusaalemii jirtu maraa keessaa dhibamtotaa fi worra ayyaana batti'iin rakkatan fida'aa namoonni hedduu wol gaya'aa turan; worri achi dhaqanillee hin fayyan. Bulchoonni gadootaa ammo gara worra Saduuqoota ta'anii worri isa woliin jiran maruu ka'anii hinaafanii isaan irratti ka'an. Ergamtoota maraa qabanii hidhan. Maleekkaan Goofta'aa ammo halkaniin mana hidha'aa keessaa banee isaan baasee, «Deemaa'a! bayima mana woyyu'uu keessa dhaabadha'aatii dubbii jireennaa kana maraa bani'itti himaa'a» isaaniin jedhe. Hennaa kana dhagayan ganamaan ka'anii mana woyyuu seenanii barsiisan. Gadootaa fi worri isaan woliin turan ammo dhufanii, yaa'ii murtii ijoollee Israa'elootaa fi manguddoota maraa wolitti waamanii akka gara mana hidha'aa isaan fidan ergan. Hojjattoonni ergamanii hennaa dhufan mana hidha'aa keessatti isaan hin argine. Deebi'anii, «Manni hidha'aallee sirri'itti cufameera, worri eegullee balbala ka dhaabatan argine; hennaa mana hidhaa bannu ammo, nama tokkochallee keessatti hin argine» isaaniin jedhan. Ajajaan mana woyyu'uutii fi bulchoonni gadootaallee haga waan kana dhagayan hin beennu wonti kun maal ta'inna laata?» jedhanii waan isaanii maman. Namichi tokko dhufee, «Kunoo namoonni hiitan sunniin dhaabatanii mana woyyuu keessatti banii barsiisa'aa jiran!» jedha'aa isaanitti hime. Hennaa san ajajaan hojjattootaa isaan woliin deemee isaan fide. Haa ta'uu ammo baniin waan isaan tumuuf sodaatanii hunnaan isaan hin finne. Akka bulchaan gadootaa isaan qoruuf fidanii yaa'ii murti'ii afoo isaan dhaaban. «Maqaa kanaan akka hin barsiifne jabeessinee isin hin seerree? Yerusaalemiin kunoo barumsa keessaniin guuttaniirtu; dhiiga nama sanii nu irratti fidu'uuf yaaddan!» jedhanii isaan gaafatan. Pheexroosii fi ergamtoonnillee deebisanii akkana isaaniin jedhan, «Nama caalaa Rabbii ajajamu'utu nu barbaachisa. Yesuusii isin muka irratti fanniftanii ajjeeftan Waandhi abbootii teennaa worra du'an keessaa kaaseen. Rabbi wonti kana godheef Israa'eliif dhiifamsa cubbu'uu isaanii kennu'uuf dabarsee akka kennamu isa qorsaa fi mataa godhee mirga ufiititti kabajjeen. Nullee waan kanaaf raga'a. Akkasuma Ayyaanni Rabbii woyyuun Rabbi worra isaaf ajajamanii kennellee raga'a.» Isaanillee hennaa waan kana dhagayan guddisanii aaranii isaan ajjeesu'uuf yaadan. Haa ta'uu ammo barsiisaan seeraa ka banii biratti kabajjama'aa ka maqaan isaa Gamaaliyaal jedhamu Fariisichi tokko yaa'ii murti'ii keessaa ol ka'ee ergamtoota diqqoo akka achi siissan ajajee, Bani'iin akkana jedhe, «Namoota Israa'elii! waan namoota kanniin irratti godhu'uuf taatan irratti uf eeggadhaa'a. Ji'oota kanniiniin dura Tewoodas ‹ani hangafa› jedhee ka'ee ture, namoonni haga dhibba afurii isaan wolii galan. Inni hin bade; worri isa dhagayanillee gargar faca'an; woyittuu hin buune. Achiin maayessa bara namoota laakkayan keessaa, Yihuudaan Galiila'aallee ka'ee namoota hedduu ufitti kutatee shifte. Innillee hin bade; worri isa woliin jiranillee maruu hin bittinnaayan. Ammallee akkana isiniin jedha, «Namoota kanniin dhiisaa, yaanni kun yookaan hujiin kun yoo ka namaa ta'e hin bada. Yoo Rabbiin biraa ta'e ammo balleessuu hin dandeettan» jedheen. Maal laataa dhugamaan akka Rabbiin wol lola'aa hin jiraanne» Isaan gorsa isaa dhagayanii ergamtootallee ufitti waamanii isaan tuman; maqaa Yesuusiitiinillee akka hin dubbanne seeranii gad isaan dhiisan. Isaanillee maqaa isaatiif tuffatamuun akka waan misha'aatitti fudhatanii yaa'ii murti'ii afo'oo gammada'aa yaa'an. Guyyaa maraa mana woyyu'uu fi mana ufiitittillee waan Yesuusii akka inni Kiristoosiin ta'e barsiisu'uu fi lallabuu hin dhiifne. Bara san keessa darasoonni eda'a'aa deeman; Yihuudonni biyya Giriikiitii dhufan Yihuudota Yihuudaa keessa jiraatanitti guunguman. Tajaajila guyya guyya'aan hojjattama'aa ture keessatti isaan dubartoota abbaa worraa hin qabne waan dagataniif. Darasoonni kudha lamaanuu amantoota maraa waamanii akkana isaaniin jedhan, «Dubbii Rabbii dhiifnee tajaajila dhiyanaa kennuun waan hin taane. Obboleeyyan tiyya! Namoota torbaa worra ragaa mishaa qaban, worra Ayyaana Woyyu'uu fi ogumma'aan guuttaman uf keessaa filaa'a; waan kanaaf isaan muunnaa. Nu ammo Rabbiin kadhachu'uu fi dubbii isaa barsiisu'uun jabaannaa» jedhan. Dubbiin kun banii maraa hin gammachiise. Nama amanti'ii fi Ayyaana Woyyu'uun guuttame Isxifaanos, Filiphoosiin, Phiroqoroosiin, Niqaaroniin, Ximonanii, Pherime'ee fi ka gara Yihuudumma'aa galee ture Anxookiyootaa fi Niqolaawonosiin filatan. Ergamtoota afoo isaan dhaabsisanii harka isaan irra kaayanii Rabbiin isaanii kadhatan. Akka kanaan dubbiin Rabbii babadhata'aa deemee; Yerusaalemitti laakkobsi darasootaa guddisee baay'ata'aa deeme. Gadoota keessaa namoonni hedduu worra amanti'iif ajajaman ta'an. Isxifaanos hunna Rabbiitii fi badhaadhummaa Rabbiitiin guuttamee banii wodhakka'aatti maalale'ee fi malkata guddaa godhe. «Mana sagada Yihuudotaa ta bilisa baaftuu» jedhamtu namoota Qaareena'aatii fi Iskindiriya'aa, worri Kiliqiya'aatii fi Isiyaa keessaa dhufan gariin ka'anii Isxifaanosiin morman. Garuu ogumma'aa fi Ayyaana inni dubbatuun mormuu hin dandeenne. Namoota hennaa inni, «Muuse'ee fi Rabbiin arrabsu dhageenneerra» jedhan isa irratti kakkaasan. Banii, manguddootaa fi barsiisota Seera Muuse'ee aarsanii itti dhiyaatanii isa qabanii gara gumi'ii fidanii, «Namni kun bakka qulqulluu kanaa fi seerallee arrabsuu dhiisuu dide. Inni hennaa ‹Yesuusiin Naazireetii hulee kana diigee Seera Muuseen nuu dabarsellee hin jijjiira› jedhu dhageenneerra; worra jedhan ragaa sobaa dhiyeessan.» Worri yaa'ii murti'ii taa'aniiran maruu xiinxallanii hennaa laalan fuulli isaa akka fuula Maleekka'aa ta'ee argan. Bulchaan gadootaallee, «Dubbiin kun akkanaa?» jedheen. Innillee akkana jedhe, «Obboleeyyanii fi abboota tiyya! dhagayaa'a! Waaqa ulfinnaa Abbaa keenna Abrahaamiin uduu inni biyya Kaaraanii hin dhaqin lafa laga lamaanii jiddu'utti itti mudhatee, ‹Biyya keetii fi Firoota kee keessaa bayiitii gara biyya ani sitti mudhisuu koottu› jedheen. Hennaa san biyya Kaladaawootaatii bayee Kaaraaniin taa'e. Achiillee haga abbaan isaa du'een maayii gara biyya adha isin keessa jiraata'aartan kanatti isa baase. Achitti lafa haga taakkuu takkattii taatuu hin kennineef. Haa ta'uu ammo uduu inni ilma hin arganne isaa fi worra isaan maayessaallee fiixaa isaatii akka ristii kennuuf waadaa galeef. Rabbillee, ‹Fiixaan isaa biyya biraatitti galtoota akka ta'aniif, woggaa dhibba afuriif akka garboota isaan godhanii fi akka isaan rakkisan dubbate. Akkasuma Rabbillee akka garbootaatitti banii isaan bulchan irratti ani isaaniitti murteessa. Achiin maayii hin bayan. Bakka kanatti na waaqeffatan› jedhe. Waadaa sirna gadoomaallee hin kenneef. Akkasuma Yisaaqiin uumatee guyyaa saddeetesso'ootitti gadoomse. Yisaaq Yaaqoobiin, Yaaqoob abboota gosa kudha lamaa uumate. «Obboleeyyan Yooseefii isatti hinaaftee akka garbicha ta'uuf biyya Misiriititti gurguratteen; Rabbi ammo isa woliin ture. Rakkinna maraa keessaa isa baasee mootii Misirii afoo Fari'ooniititti gaachenaa fi ogummaa kenneef; Misirii fi mana isaa maraa irrattillee ajaja'aa fi bulchaa jaalatame godhee isa muude. Hennaa san biyya Misiriitii fi Kana'aaniin marattuu beelaa fi rakkoo gudda'atu dhufe; abbootiin teennallee waan nyaatan dhaban. Yaaqoob haga midhaan biyya Misirii jiraachuu dhagaye dura abbootii teenna erge. Hennaa isaan deebi'anii gara Misirii dhaqan Yooseef eennummaa ufii obboleeyyan ufiititti hime. Fiixaan Yooseefiillee Fari'ooniin biratti beekkame. Yooseefillee abbaa ufii Yaaqoobii fi maatii ufii namoota torbaatamii shanii firtoota isaa maraa ergee waamsise. Yaaqoobillee gara biyya Misirii bu'e; inninii fi ilmaan isaallee achitti du'an. Lafeen isaaniillee gara lafa Seekeem jedhamuu geeffamtee hulee lafa awwaala Abrahaam birrii ufiitiin abbaa Seekeemii ijoollee Eemoorii irraa bitetti isaan awwaalan. Hennaa barri Rabbi Abrahaamiif waadaa gale dhiyaate, mootiin Yooseefiin hin beenne ka biraa haga mooyutti baniin Misiritti yookaan Misiriin keessatti baay'ate. Innillee worra keenna miidha'aa daa'imman akka jireennaan hin jiraanne gara diidaa akka gatan godhee abbootii teenna rakkise. Hennaa san Muuseen dhalate. Innillee Rabbiin afo'otti bareedaa ture. Mana abba'aa keessallee ji'a sadihi jiraate. Inni hennaa alatti gatame san mucattiin Fari'oonii isa kaaftee akka ilma isi'ii ta'uuf guddifte. Muuseen ogummaa Misirii maraa baratee dubbi'ii fi huji'iinillee jabaate. Haa ta'uu ammo hennaa woggaa afurtamaa guutu obboleeyyan ufii ijoollee Israa'elootaa tooyatu'uuf garaa ufii keessatti yaade. Uduu namni Misirii tokko nama Israa'elii tokko miidhu argee gargaareenii namicha Misirii dhayee ajjeesse. Obboleeyyan isaallee Rabbi karaa isaatiin akka wolaba isaan baasu waan hubatan isatti fakkaate. Isaan ammo hin hubanne. Bariisaa uduu isaan wol lolan argee Araarsu'uuf barbaadee, ‹jarana isin obboleeyyan; maaf wol miitan?› isaaniin jedhe. Ka hiriyyaa ufii miidha'aaru ammo bulcha'aa fi murteessaa akka taatu nu irratti eentu si muude? Mo'o akkuma kaleessa namicha Misirii dhooftee ajjeefte nallee ajjeesuu kajeelte?› jedhee darbeen. Muuseenillee sababa dubbii kanaatiif dheessee biyya Miidiyaamiititti galtuu ta'ee jiraate. Achitti ijoollee lamaa uumate. Woggaa afurtamaan maayii Maleekkaan Goofta'aa gaara Siina'aa ka lafa udume'ee biratti saatoo gubatu keessaan arraba ibiddaatiin itti mudhate. Muuseenillee argee waan arge san maalalfatee laalu'uuf yoo itti dhiyaatu sagaleen Goofta'aa, ‹Ani Waaqa abboota keetii Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisaaqiitii fi Waaqa Yaaqoobiiti› jedhee gara isaa dhufe. Muuseenillee hollatee laaluu sodaate. Gooftaanillee, ‹Bakki dhaabatteertu bakka woyyoomte waan taateef kophee luka keetii baafadhu. Rakkinna banii kiyyaa ka Misiriin keessa jiran maraa argeera; iyyansa isaanii dhagayu'uuf bu'eera; ammallee koottu gara Misirii si ergaa› jedheen. Bulcha'aa fi abbaa murte'ee akka taatu eentu si muude? jedhanii Muusema ganan kana Rabbi karaa maleekka'aatiin saatoo keessatti itti mudhatee muudama'aa fi furaa taasisee isa erge. Namni kun biyya Misiriititti galaana diimaa lafa gammoojji'iititti woggaa afurtamaa maalale'ee fi malkata godha'aa isaan baase. Namni kun ijoollee Israa'eliitiif, ‹Rabbi obboleeyyan keessaa, raaga akka kiyyaa isinii kennaa isa dhagayaa'a› jedhee namni isaanitti dubbate Muusema kana. Namni kun ka gaara Siina'aatitti Maleekkaan itti dubbate saniif ka abboota keenna woliin lafa gammoojji'ii keessa ture. Dubbii jireenna qabu kana nuu kennu'uuf Rabbiin irraa fudhate. Abbootiin keenna isaa ajajamuu didan. Haa ta'uu ammo uf irraa isa dhiiban. Yaada ufiitiin gara biyya Misirii deebi'an. Isaan Aarooniin, ‹Muuseen biyya Misirii keessaa nu baase waan ta'e wollaallee, ka'ii waaqolee nu afoo deeman nuu huji› jedhaniin. Hennaa san keessa waaqa tolfamaa ka waatii irraa tolfame fakkeessanii hojjatanii, waaqa tolfamaa sanii ciincaa dhiyeessanii, hujii harka ufiititti gammadan. Rabbi ammo isaan irraa gara galee urjiiwwan sami'iitii akka sagadan dabarsee isaan kenne. Kunillee akkuma Kitaaba raattotaa keessatti barreeffame, ‹isin banii Israa'elii! woggaa afurtamaa gammoojjii keessatti horii qalmaatii fi ciincaa naa dhiyeessitanii? Fakii itti sagadu'uuf hojjatan, daasee «Molookii» fi fakii urjii waaqa keessanii ka, «Reemfuum» jedhamu harka keessaniin hojjattanii waaqeffattaniirtan. Kanaaf, «Anillee gara biyya Baabilooniin gamaa isin dabarsa› jedhamee barreeffameera. «Akkuma fakii argitee san abbootiin teenna gammoojjii keessatti daasee ragaa bayu'uu qaban. Daaseen sunillee akka Rabbi Muuse'etti mudhisetti ta hojjatamte. Abbootiin teennallee akkasuma abbootii ufii irraa fudhatanii, biyya banii Rabbi isaan afo'oo ari'ee baase sanitti Iyyaasuu woliin galchan. Daaseen sunillee haga bara Daawitii jiraatte. Innillee Rabbiin afo'otti gaachena argatee Waaqa Yaaqoobiitii mana ijaaru'uuf Rabbiin kadhate. Haa ta'uu ammo Solomoontu Rabbii mana ijaare. «Ta'ullee Rabbiin maraa olii mana harki namaa ijaare keessa hin jiraatu; kunillee akkuma raattichi, ‹Samiin teessoo tiyya; laftillee ejjata miila kiyyaati. Mana attamii naa ijaartan? Yookaan bakki ani hara itti baafadhu kami? Kana maraa harka kiyyatu hojjatee mitii? jedha Rabbi. «Isin worra mataa jabeeyyi'iitii fi worra onneen teessan duude; worra gurri keessan hin dhageenne; isin akkuma abboota teessanii hennaa maraa Ayyaana Woyyuu mormitan. Raattota keessaa namni abbootiin teessan itti ka'anii hin ariine eennu? worra dhufa woyyichaa firrisanii dubbatan ajjeesaniiru. Worri karaa Maleekkotaatiin seera fudhatanii fayyadaman hin eenne. Isinillee amma dabarsitanii isa kennitan; hin ajjeeftaniinille'e.» Hennaa kana dhagayan guddisanii aaranii ilkaan itti ciniinnatan. Inni Ayyaana Woyyu'uun guuttamee gara sami'ii xiinxallee hennaa ol laalu ulfinna Rabbiitii fi Yesuusiinillee mirga Rabbii ka dhaabateeru arge; Kanaaf, «Samiin banamtee Ilmi Namaa mirga Rabbii ka dhaabateeru arga'aara» jedhe. Guddisanii laagaa ol qabatanii iyya'aa gurra ufii qabatanii wolii galanii gara isaa fiigan. Qachaa keessaa gara diidaa baasanii dhaga'aan tuman. Worri raganillee uffata isaa luka dargaggeessa Saa'ol jedhamu tokko jala kaayan. Hennaa isaan Isxifaanosiin dhaga'aan tuman inni «Gooftaa kiyya lubbuu tiyya fudhadhu» jedhee kadhate. Jilbiiffatee, «Gooftaa kiyya cubbuu kana isaanitti hin laakkayin» jedhee laagaa ol qabatee iyyee du'e. Saa'olillee ajjeefamuu Isxifaanosii harka keessaa qaba. Guyyaa san woldaa Kiristaanaa ta Yerusaalemiin jirtutti baqa gudda'atu ta'e. Ergamtoota malee maruu gara Yihuuda'aatii fi gara biyya Samaariya'aa faca'an. Namoonni Rabbiin kadhachu'uun jabaatan Isxifaanosii guddisanii booya'aa awwaalan. Saa'ol ammo woldaa Kiristaanaa diiga'aa ture. Mana maraa seena'aa dhiiraa fi dubartootallee harkisa'aa gara mana hidha'aatitti dabarsa'aa isaan kenna'aa ture. Worri faca'an dubbii lallaba'aa deeman. Filiphoosillee gara qachaa Samaariya'aa dhaqee waan Kiristoosii isaanitti lallabe. Baniinillee hennaa dubbii Filiphoosii dhagayanii fi malkata inni godhe hennaa argan waan inni jedhe yaada tokkoon dhagayaniin. Ayyaanni hamaan laagaa gudda'aan iyya'aa namoota heddu keessaa baya'aa waan tureef naafataan hedduu fi worri hokkolullee hin fayyan. Qachaa san keessatti gammachuu gudda'atu ta'e. Namni Simoon jedhamu tokko ammo «ani gudda'a!» jedhee mora'aa namoota Samaariya'aa maalalchiisa'aa nama qachaa san keessa jiraate. Namoota didiqqaa irraa jalqabee haga namoota gugurda'aa hunni Rabbii kana jedha'aa martinuu isa caqasan. Bara dheeraa irraa jalqabee waan moru'uun isaan maalalchiiseef isa jalaa caqasan. Haa ta'uu ammo waan jeennata Rabbiitii fi waan Gooftaa Yesuus Kiristoosii isaanitti lallabe. Isaanillee hennaa waan Filiphoos jedhe dhagayan dhiirtinii fi dubartiinillee amananii cuuphaman. Simoonillee akkasuma amanee cuuphamee Filiphoosiin wol ta'e. Hennaa malkataa fi maalaleen guddaan ta'e argee ajaa'ibsiifate. Ergamtoonni Yerusaalemiin jiran akka namoonni Samaariya'aa dubbii Rabbii fudhatan dhagayanii Pheexroosii fi Yohaannisiin isaanii ergan. Isaanillee hennaa gara isaanii dhaqan akka Ayyaana Woyyuu argataniif Rabbiin isaanii kadhatan. Maqaa Gooftaa Yesuusiitiin cuuphaman malee, isaan keessaa tokko irrattillee Ayyaanni Woyyuun waan hin buuneef. Hennaa san harka ufii isaan irra kaayanii Ayyaana Woyyu'uun guuttaman. Simoonillee harka nama irra kaayuu ergamtootaatiin Ayyaanni Woyyuun akka kennamu haga arge birrii isaanii fidee, «Ka ani harka irra kaayu maruu Ayyaana Woyyu'uun akka guuttamu baalli kana naallee kennaa'a» jedhe. Pheexroos ammo akkana jedheen, «Waan kennaa Rabbii birri'iin argatuu yaaddeef birriin kee si woliin haa badu. Garaan kee Rabbiin afo'otti qajeelaa waan hin taaneef waan kana irraa hiree yookaan gayee hin qabdu. Eegaasuu badooma kee kanaaf aagii gali; maal laataa yaada garaa keetii yoo ka sii dhiisu ta'e Rabbiin kadhadhu. Summii hadhaaya'aa fi hammeenna keessa akka jirtu waan arga'aaruuf.» Simoonillee deebisee, «Wonti hamaan kun tokkollee akka na irra hin geenne isinumti Gooftaa naa kadhadhaa'a» isaaniin jedhe. Isaanillee haga raganii fi haga dubbii Goofta'aallee himaniin maayessa gara Yerusaalemii deebi'an; Samaariya'attillee ganda hedduu keessatti Dubbii Nagayaa lallaban. Maleekkaan Goofta'aa Filiphoosiin, «Ka'iitii gara kibbaatitti gara karaa Yerusaalemii gammoojjii Gaaza'aatitti gad geessu dhaqi» jedheen. Innillee ka'ee deeme. Ajajaan hojjattoota mootittii Itoophiya'aa ta «Hindakee» jedhamtuu, ka qabeenna isi'ii horatu namni kun sagadu'uuf gara Yerusaalemii deeme. Achii yoo deebi'u konkolaataa fardaa irra taa'ee kitaaba raatticha Isaayyaasii dubbisa'aa ture. Ayyaanni Woyyuun Filiphoosiin, «Gara konkolaataa fardaa kana siiqiitii isaan wol gayi» jedheen. Filiphoosillee gara isaa hennaa fiige uduu inni kitaaba raatticha Isaayyaasii dubbisu dhagayee, «Waan dubbisa'aartu kana hubattaa?» jedheen. Innillee, «Uduu nama naa ibsu hin arganne attamitti naa gala ree?» jedheen. Akka Filiphoos konkolaataa fardaa irra bayee isa woliin taa'u isa kadhate. Huleen inni barreeffama kutaa kitaabaa keessaa dubbisa'aa ture sun, «Inni akka hoolaa qalmaaf oofama'aartuu, akkuma ilmoolee hoola'aa hennaa namni rifeensa isii irraa muru cadhiftu; Innillee akkasuma waan tokkollee hin dubbanne. Inni uf salphise; murtiin dhuga'aa hin kennamneef. Jireenni isaa lafa irraa waan fudhatameeruuf, eennutu dhala isaatitti himuu danda'a ree?» Ajajaan hojjattootaa sunillee Filiphoositti deebisee, «Yabo'oo si wogee raattichi waan eennuu dubbata? Waan ufiiti mo'o waan nama biraati?» jedheen. Filiphoosillee afaan baqaffatee kitaaba kana irraa jalqabee waan Dubbii Nagayaa ka Yesuusii itti hime. Uduu karaa irra deeman gara bisaanii gayan. Ajajaan hojjattootaa, «Ani amma bisaaniin akka hin cuuphamnee wonti na dhooggu maali'i?» jedheen. Filiphoosillee, «Garaa kee guutu'uun yoo amante hin danda'ama» jedheen. Ammallee, «Yesuus Kiristoos Ilma Rabbii akka ta'e hin amana» jedhe. Konkolaataan fardaa akka dhaabatu ajajee ajajaan hojjattootaa sunii fi Filiphoos gara bisaanii bu'an. Innillee hin cuupheen. Bisaan keessaa haga bayaniin maayessa Ayyaanni Goofta'aa Filiphoosiin hin fudhateen. Ajajaan hojjattootaa sun deebi'ee isa hin argine; gammada'aa karaa ufii deeme. Filiphoos ammo Azaaxoonitti argame. Haga Qisaariya'aallee dhaqu'uuf deddeebi'a'aa qachaa marattuu Dubbii Nagayaa lallabe. Saa'ol ammo darasoota Goofta'aa ajjeesu'uuf dhaadata'aa gara bulchaa gadootaa dhaqe. Dhiiraa fi dubartoota worra Goofta'atti amanan yoo arge hidhee akka fiduuf xalayaa gara mana sagada Yihuudota Damaasqo'ootitti akka isaaf barreessu bulchaa gadootaa gaafate. Uduu deemu hennaa gara Damaasqo'oo dhiyaatu; dimmaa naannoo isaatitti sami'ii ifti falaqqifnaan kufe. Uduu inni hulee kufe jiru laagaa, «Saa'ol! Saa'ol! maaf na ariitaa?» jedhu dhagaye. Saa'ol, «Gooftaa kiyya! Ati eennu?» jedheen. Innillee, «Ani Yesuusii ati ariitu; woraana kana yoo mormite sitti jabaata» jedheen. Hollata'aa maalalfatee, «Gooftaa kiyya! Akka maal godhu feeta?» jedheen. Gooftaanillee, «Amma ka'iitii gara qachatti'ii seeni; achitti waan gootu sitti himamaa» jedheen. Namoonni Saa'oliin woliin karaa deema'aa turan laagaa malee waan biraa ijaan arguu dadhabanii cadhisanii dhaabatan. Saa'ol hennaa lafaa ka'e ijji isaa womaa waan hin argineef namoonni harka isaa qabanii masakka'aa gara Damaasqo'oo seensisaniin. Ijji isaa uduu hin argine guyyaa sadihii ture. Hin nyaanne; hin dhunnelle'e. Damaasqoo keessa darasaa Hanaaniyaa jedhamu tokkotu ture. Gooftaanillee mudhataan, «Hanaaniyaa!» jedheen. Innillee «Yaa! Gooftaa kiyya» jedhee jalaa awwaate. Gooftaanillee, «Ka'iitii gara karaa, ‹Qajeelaa› jedhamu sanii deemii mana Yihuudotaa keessaa nama Saa'ol jedhamu ka biyya Xerseesii tokko soqi. Inni achitti waan Rabbiin kadhata'aaruuf. Saa'ol namni Hannaaniyaa jedhamu seenee ijji isaa akka argituuf hennaa harka isa irra kaayu manaabaan argeera» jedheen. Hannaaniyaan deebisee, «Gooftaa kiyya! Yerusaalem keessaa woyyoota irratti waan hamaa meeqaa akka godhe waan namicha kanaa namoota heddu irraa dhagayeera. Asittillee worra maqaa kee waaman maraa hidhu'uuf bulchoota gadootaatiin muudameera» jedhe. Gooftaanillee, «Inni kun worra Yihuudii hin taane, moototaa fi ijoollee Israa'elootaa afo'otti akka maqaa kiyya baadhatuuf meeshaa naaf filatame waan ta'eef deemi. Akka inni maqaa kiyya baadhatu'uuf jedhee rakkatu aninuu isatti mudhisa» jedheen. Hannaaniyaanillee deemee mana isaa seenee harka ufii irra kaayee, «Obboleessa kiyya Saa'ol! Gooftaan ka karaa ati deemtutti sitti mudhate Yesuus, akka ati argituu fi akkasuma akka Ayyaana Woyyu'uun guuttamtuuf na erge» jedhe. Yoosuu qolli akka cim'a'aa ija isaatii bu'e; inni hin arge; ka'ee cuuphamee hurbaata nyaatee jabaate. Darasoota Damaasqoo jiran woliin guyyaa hagoo taa'e. Yoosuu waan Yesuus Kiristoosii akka inni Ilma Rabbii ta'e mana sagadaa Yihuudotaa keessatti lallabe. Worri dhagayan maruu maalalfatanii, «Namni kun ka Yerusaalemiin keessatti worra maqaa Yesuusii waamu balleessa'aa tureemii? Ammallee hidhee gara bulchoota gadootaatitti isaan fidu'uuf dhufee?» jedhan. Saa'ol ammo itti jabaata'aa deeme. Yihuudota Damaasqoo taa'an Yesuus Kiristoosiin akka ta'e isaanitti hima'aa, waan isaa deebisan dhabsiise. Haga guyyaa hedduu bubbuleen maayessa Yihuudonni isa ajjeesu'uuf mari'atan; Saa'ol ammo yaada isaanii beeke. Inni garuu karoora isaanii beekee ture; isaan isa ajjeesu'uuf halkanii fi guyyaa balbala qachaa maraa eega'aa turan. Darasoonni ammo halkaniin fuudhanii foddaa dallawa naannaya qachatti'iitiin keeshe'een isa buusan. Saa'ol hennaa Yerusaalemiin gaye darasootatti eda'amu'uuf yaale. Martinuu darasaa ta'uu isaa waan hin amanneef sodaataniin. Barnaabaas ammo fuudhee ergamtoota bira seensisee attamitti akka Gooftaan isa argee fi attamitti akka itti mudhate, Damaasqo'ottillee maqaa Yesuusiitiin attamitti uggee akka dubbate isaanitti odeesse. Maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin uggee dubbata'aa Yerusaalemitti isaan woliin baya'aa gala'aa ture. Yihuudota biyya Giriikiitii dhufan woliin qaaqa'aa isaaniin wol morma'aa ture. Isaan ammo isa ajjeesu'uuf barbaadan. Obboleeyyan haga kana beekaniin maayessa gara Qisaariya'aa fidaniinii achillee gara Xeerseesii erganiin. Tokkummaan woldaa kiristaana Yihuuda'aa, Galiila'aa fi Samaariyaa jiran maruu nagayaan jiraata'aa, cima'aa, sodaa Rabbiitii fi Ayyaana Woyyu'uun jajjabaata'aa baay'innaan guddata'aa deeman. Pheexroosillee hennaa hulee maraa deemu akkasuma gara woyyoota Liidaa jiraatanii gad bu'e. Achitti nama woggaa saddeetaaf laamshayee siree irra ciisa'aa ture ka Eniyaa jedhamu tokko arge. Pheexroosillee, «Eniyaa! Yesuus Kiristoos si fayyisaa ol ka'ii ufumaa siree tee afadhu» jedhe. Innillee Yoma san ka'e. Worri Balda'aa fi Saroonaa keessa jiraatan maruu isa arganii Goofta'atti amanan. Iyyoopheellee darasaa Xabbitaa jedhamtu takkatu jira; afaan Giriikiitiin maqaan isi'ii «Dorqa'a» Dorqaa jechuun, «Kuruphee» jechu'u; isiin ta waan mishaa uf keessaa qabduu fi ta kennaallee kennitu turte. Isiin ji'uma sanniin keessa dhibamtee duute; reeffa isi'ii dhiqanii kutaa gamo'oo tokko keessa kaayan. Liidaan Iyyoophe'etti dhiyoo waan taateef darasoonni akka Pheexroos achi jiru dhagayanii nama lamaa isatti erganii, «Maal dafii nutti koottu» jedhanii kadhataniin. Pheexroosillee ka'ee isaan woliin dhaqee hennaa inni achi gaye gara gamo'oo ol baasanii haawwotiin hiyyeessaa maruu booya'aa waan Dorqaan hennaa isaan woliin jirtu gooteef Shinshini'ii fi uffata isiin uffattu maraa isatti mudhisa'aa afoo isaa dhaabatanii booyan. Pheexroosillee isaan maraa gara diidaa baasee, jilbiiffatee Rabbiin kadhata'aa gara reeffaa laalee, «Xabbitaa, ka'i!» jedheen. Isiinillee ija ufii banattee hennaa Pheexroosiin argite ol kaatee teette. Hiixatee harka isi'ii ol isii qabee kaase haawwota hiyyeeyyi'iitii fi woyyoota waamee isii jirtuu afoo isaanii dhaabsise. Wonti kun Iyyoophee maraa keessatti waan beekkame ta'e; namoonni hedduullee Goofta'atti amanan. Iyyoophe'ettillee namicha gogaa duugu ka Simoon jedhamu tokko bira guyyaa hedduu taa'e. Namichi Qorneelewoos jedhamu tokko biyya Qisaariya'aa keessa jiraata'aa ture. Inni kun kutaa woraanaa worra Rooma'aa ka Ixaalqaa jedhamee waamamuuf ajajaa loltuu dhibbaati. Inni nama maatii ufii maraa woliin Rabbiin waaqeffatu, ka Rabbiin sodaatu, ka hiyyeeyyi'ii waa kennuu fi nama hennaa maraa Rabbiin kadhatu ture. Gaaf tokko guyyaa keessa gara sa'aatii sagaliititti maleekkaan Rabbii «Qorneelewoos» jedha'aa hennaa manaabaan gara isaa dhufu addaata'aatti arge. Innillee hennaa guuttatee isa laalu nayee, «Gooftaa'a! maali'i?» jedhe. Maleekkaanillee akkana jedheen, «Rabbiin kadhatuun keetii fi hiyyeeyyii gargaaruun kee Rabbiin afo'otti yaadatameera. Ammallee gara worra Iyyoophe'ee namoota ergiitii nama Pheexroos jedhamu Simooniin fijjisiis. Inni keessummummaa mana namicha gogaa duuguu ka manni isaa qarqara galaanaa jiruu taa'eera. Inni waan ati gootu sitti himaa.» Maleekkaan isatti dubbate sun haga isa biraa deeme garboota mana isaa keessaa nama lamaan worra loltuu isaaf amanaman keessaa nama Rabbiin waaqeffatu tokko waamee, Waa maraa isaanitti himee gara Iyyoophe'ee isaan erge. Isaanillee bariisaa deemanii gara qacha'aa hennaa dhiyaatan, Pheexroos gara sa'aatii jahaatitti Rabbiin kadhachu'uuf gara gamo'oo ol baye. Hennaa san Pheexroos beelayee waan nyaatu barbaadee uduu waan nyaataa qopheessa'aafii jiran manaabaan, Samiin banamtee kallattii arfaniinuu waan woyaa fakkaatu ka wol qabateeru gara lafaa yoo bu'u arge. Achitti bineensoonni luka afur qaban, worri lafa irra sosocho'an maruu, Simbirroonni sami'iillee keessa turan. Hennaa san laagaa, «Pheexroos ka'iitii goorra'ii nyaadhu!» jedhu dhagaye. Pheexroos ammo, «Gooftaa kiyya! hin ta'u! waan battii tuffatame tokko sirimaa nyaadhee hin beeku» jedhe. Deebi'eellee lammeessoo laagaa, «Waan Rabbi qulqulleesse ati hin batteessin» jedhu dhagaye. Wonti akkanaa kun hennaa sadihi ta'e; yoma san woyaan sun gara sami'ii ol fudhatame. Pheexroosillee waan mudhata argee hiikkaa isaatiif uduu garaa ufii keessatti dhudhuma'aaru namoonni Qorneelewoos erge mana Simoonii barbaadanii haga arganiin maayessa dhufanii balbala irra dhaabatan. Isaan laagaa ufii ol qabatanii, «Keessummaan Simoon Pheexroos jedhame as jiraa?» jedhanii gaafatan. Pheexroos uduu waan manaabaa yaada'aa jiru Ayyaanni, «Kunoo! Namoonni sadihii si soqa'aaran. Ka'iitii gad bu'i; ka isaan erge ana waan ta'eef uduu hin mamin isaan woliin deemi» jedheen. Pheexroos gara namootaa gad bu'ee, «Namni soqa'aartan anaa; maaf dhuftan?» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Nu ajajaa dhibbaa ka Qorneelewoos jedhamu biraa dhufne; inni qajeela'aa fi nama Rabbiin sodaatu ka Yihuudota maraa biratti kabajjama'aa fi ka maqaa mishaa qabu; inni gara mana ufii si waamsisee waan ati jettu akka dhagayu, maleekkaan woyyuun isatti dubbate» jedhanii deebisaniif. Innillee mana seensisee isaan keessummeesse. Bariisaa ka'ee isaan woliin deeme; amantoota Iyyoophee jiran keessaallee gariin isa woliin deeman. Guyyaa itti aanullee qachaa Qisaariya'aatitti galan; Qorneelewoos firtoota ufiitii fi goshoota ufii wolitti waamee isaan eega'aa ture. Hennaa Pheexroos ol seene Qorneelewoos argeenii luka isaa jalatti kufee sagadeef. Pheexroos ammo, «Ka'i! Anillee namuma akka keetiitii» jedhee isa kaase. Isa woliin qaaqa'aa mana seene; namoonni hedduu ka wol gayaniiran argee, «Namni Yihuudi'ii gosa biraa woliin taa'uu'u, yookaan itti dhiyaachuun akka seera hin taane isinuu hin beettan; anatti ammo Rabbi nama kamiinuu battaaya'aa fi ka tuffatame akka hin jenne natti mudhise. Kanaafuu isin na waamnaan uduu hin mamin dhufe; ammallee maaf na fiddan? jedhee isin gaafadha» isaaniin jedhe. Qorneelewoos akkana jedhe, «Guyyaa afuriin dura gara sa'aatii sagaliititti ani uduu mana kiyyatti Rabbiin kadhata'aaru namni uffata calanqisu uffate tokko na afoo dhaabatee, ‹Qorneelewoos! Rabbiin kadhachuun kee Rabbiin afo'otti sii dhagayameera; kennaan ati hiyyeeyyi'ii kennitullee sii yaadatameera. Eeganaa gara Iyyoophe'ee ergiitii Simoonii Pheexroos jedhamu waamsis; inni mana namicha gogaa duuguu ka Simoon jedhamuu ka manni isaa qarqara galaanaa jiru keessummummaa dhaqeeraa› naan jedhe. Kanaafuu hennaa san gara kee erge; atillee dhufuu keetiif mishaa goote; eeganaa waan Rabbiin biraa dhageette maraa si irraa dhagayu'uuf nu martinuu amma as Rabbiin afoo jirra.» Pheexroos akkana jedhee dubbate, «Dhugamaan Rabbi nama akka nama wol hin caalchifne hubadheera. Nama biyya kamiillee yoo ta'e nama Rabbiin sodaatuu fi nama waan qajeelaa hojjatu Inni hin simataan. Yesuus Kiristoosii Gooftaa maraa ta'een nagaya isaa lallaba'aa dubbii kana gara ijoollee Israa'elii erge. Cuuphaa Yohaannis lallabeen maayii waan biyya Galiila'aatii haga Yihuudaa maraa keessatti ta'e isinuu hin beettan. Rabbi Yesuusii nama Naazireeti'ii Ayyaana Woyyu'uu fi hunnaan muude. Rabbi waan isa woliin jiruuf Yesuus waan mishaa godha'aa, worra daabiloosii bitaman maraa fayyisa'aa olii gad deeme. Nullee waan inni biyya Yihuudotaatii fi Yerusaalemitti godhe maraaf raga'a; isa muka irratti fannisanii ajjeesan. Isa Rabbi guyyaa sadeesso'ootitti du'aa kaasee akka inni mudhatu godhe. Kunillee banii maraafii miti; haa ta'uu ammo nu worra firrisa Rabbiif filatamnee ragaa isaa taaneef malee; haga inni worra du'an keessaa ka'een maayii worri isa woliin nyaatee dhuge nu'u. Bani'ii akka lallaabnuuf, worra jiranii fi worra du'an irrattillee akka inni murtii kennu Rabbiin ka murtaaye ta'uu kana akka ragaa baanu nu ajaje. Ka isatti amanu maruu maqaa isaatiin akka dhiifamsa cubbu'uu argatuuf raattonni maruu hin raganiif.» Pheexroos akkuma waan kana dubbateen worra dubbii isa dhagayan maraa irratti Ayyaanni Woyyuun bu'e. Worri Pheexroosiin woliin dhufan maruu amantoonni gara worra gadoomanii ta'anii worra Yihuudota hin taane irratti kennaan Ayyaana Woyyu'uu waan bu'eef maalalan. Wonti amantoonni Yihuudotaa maalalaniif waan Ayyaanni Woyyuun worra Yihuudota hin taane irrattillee bu'ee laagaa haarawaan dubbata'aa hennaa Rabbiin kabajjan dhagayaniif. Hennaa san Pheexroos deebisee, «Kunniin ammo akkuma keenna worri Ayyaana Woyyuu fudhatan akka bisaaniin hin cuuphamne ka isaan dhooggu eennu?» jedhe. Akka maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphaman isaan ajaje. Kanaan maayii akka inni guyyaa hagoo taa'u kadhataniin. Ergamtoonniinii fi obboleeyyan Yihuudaa jiran akkasuma worri Yihuudota hin taane akka dubbii Rabbii fudhatan dhagayan. Pheexroos hennaa gara Yerusaalemii dhufe worri gara worra gadoomanii isaan wol mormanii, «Ati mana worra hin gadoomnee seentee isaan woliin nyaatte» jedhaniin. Pheexroos ammo jalqabaa kaasee duraa duubaan akkana jedhee isaanii ibse; «Ani uduu qachaa Iyyoophe'eetitti Rabbiin kadhata'aaru yaada keessa ta'ee manaaba arge; meeshaan guddaan woccuu fakkaatu kallattii arfaniinuu wol qabatee sami'ii bu'ee gara kiyya dhufe. Yoo waan san guuttadhee laalu beelladoota luka afurii, bineensota bosonaa, uumama lafa irra looyanii fi simbirroota sami'iillee arge. Laagaa, ‹Pheexroos! ka'ii goorra'ii nyaadhu!› jedhu dhagaye. Anillee, ‹Gooftaa kiyya! Hin ta'u! waan battaaya'aa fi ka tuffatame horomaa afaaniin qabee waan hin beenneef› jedhe. Ammallee hennaa lammeesso'oo laagaa, ‹Ka Rabbi qulqulleesse ati hin batteessin› jedhu sami'ii naa dhufe. Wonti kun hennaa sadihi ta'e; deebi'ee maruu gara sami'ii fudhatame. Hennaa san namoonni sadihii Qisaariya'aa gara kiyya ergamanii gara mana ani jiruu dhufan. Ayyaanni uduu hin mamin isaan woliin akka deemu natti hime; obboleeyyan jahan kunniin ammo na woliin dhufanii gara mana nama sanii seenne. Innillee akka Maleekkaan mana isaa keessa dhaabate arge, Maleekkaanillee gara Iyyoophe'ee namoota ergiitii Simoonii Pheexroos jedhamu waamsis; innillee atii fi namoonni mana keetii maruu waan ittiin fayyitan isinitti hima akka jedheen nutti hime. Akkuma ani dubbachuu jalqabeen Ayyaanni Woyyuun akkuma duraan nu irratti bu'e isaan irrattillee hin bu'e. Hennaa san dubbii Goofta'aa ka, ‹Yohaannis bisaaniin cuuphe; isin ammo Ayyaana Woyyu'uun cuuphamtan› jedhu qaabadhe. Eeganaa Rabbi nu worra Gooftaa Yesuus Kiristoositti amanne kanaa akkana yoo kenne, isaaniillee akkasuma yoo kenne, waan kana Rabbiin dhooggu'uuf ani dandeettii qabaa?» Isaan hennaa kana dhagayan cadhisanii, «Rabbi worra Yihuudota hin ta'inillee akka cubbuu irraa deebi'anii jiraatan hiree aagii galiiti'ii isaanii kenneera» jedhanii Rabbiin galatoonfatan. Sababaa rakkinna Isxifaanosiin irra gayeetiin worri bittinnaayan Finiqee, Qophiroosii fi haga Anxookiya'aa deemanii dubbii Rabbii Yihuudota calla'atti himan malee, ka biraa eennuttuu hin himne. Isaan keessaa ammo namoonni Qophiroosiitii fi Qareenaa taa'an tokko tokko gara Anxookiya'aa dhufanii Dubbii Nagayaa Gooftaa Yesuus Kiristoosii lallaba'aa namoota Giriikiitittillee himan. Harki Goofta'aallee isaan woliin ture; namoonni hedduu amananii gara Goofta'aa deebi'an. Oduun kun Woldaa kiristaanaa ta Yerusaalemiin keessa jirtutti dhagayame; Barnaabaasiinillee gara Anxookiya'aa ergan. Innillee achi dhaqee haga badhaadhummaa Rabbii arge hin gammade; isaan maruu fedha garaa isaaniitiin Goofta'aan jabaatanii akka jiraatan gorse. Inni waan nama mishaa, ka Ayyaana Woyyu'uu fi ka amantii qabu tureef baniin hedduu Goofta'atti amanan. Barnaabaasillee Saa'oliin soqu'uuf gara Xeerseesii dhaqe; hennaa isa arge gara Anxookiya'aa isa fide. Woldaa kiristaanaatitti woggaa tokko guutuu wolitti qabamanii banii hedduu barsiisan. Darasoonnillee hennaa jalqabaatiif Anxookiya'atti, «Kiristaana» jedhamanii waamaman. Ji'ootuma sanniin keessa raattonni Yerusaalemiin irraa gara Anxookiya'aa dhaqan. Isaan keessaa namichi Agaabos jedhamu tokko ka'ee akka adunyaa maraa irratti beelli dhufu Ayyaana Woyyu'uun isaanitti hime; wonti kun bara Qelaawudeewoos Qeesarichaa ta'e. Darasoonni marti isaanii akkuma dandeettii isaaniitiin waa wolitti baasanii obboleeyyan Yihuudaa keessa jiraataniif gargaarsa ergu'uuf murteeffatan. Isaanillee akkasuma godhan. Barnaabaasii fi Saa'olitti kennanii gara manguddoota woldaa Kiristaanaatitti ergan. Bara san mootichi Heroodis rakkinna isaanitti jabbeessu'uuf woldaa kiristaanaa tokko tokko guddisee miidhe. Yaaqoobii obboleessa Yohaannisii guraade'een ajjeese. Wonti kun akka Yihuudota gammachiise argee Pheexroosiinillee qabe; hennaan sun ji'a Ayyaana Xorosho'ooti. Haga qabeenii gara mana hidha'aa seensise, Faasika'aan maayii gara bani'ii baasu'uuf yaadee marti isaaniituu loltoota afur ta'anii akka isa eegan loltoota garee afuritti qoodamanitti dabarsee isa kenne. Pheexroosillee mana hidha'aatitti eeggama'aa ture; haa ta'uu ammo woldaa kiristaanaatitti waan isaatiif jabeessanii Rabbiin kadhata'aa turan. Heroodisillee isa baasu'uuf hennaa yaade, halkan san Pheexroos haada sibiilaa lamaan hidhamee loltoota lama wodhakkaa rafe. Worri eegan balbala afoo taa'anii mana hidha'aa eegan. Maleekkaan Goofta'aa dhufee mana keessatti ifti ife. Pheexroosiin kalee isaa tuqee dammassee, «Daddafii ka'i!» jedheen. Haanni sibiilaallee harka Pheexroosii irraa bu'e. Maleekkaan sun, «Woccuu tee marxifadhu, kophee kee godhadhu» jedheen. Innillee akkasuma godhe. «Uffata uffadhuu na faana koottu» jedheen. Innillee bayee isa faana deeme; waan manaaba argu itti fakkaata'aa ture malee wonti Maleekkaan godha'aaru dhugaa ta'uu hin beenne. Worra karra eegu ka tokkeesso'ootii fi ka lammeesso'oo bira lufanii karra sibiilaa ka gara qacha'aa baasu gayan. Karrillee ufumaan isaan jalaa baname. Bayaniillee haga tokko lufanii yoma san Maleekkaan isa biraa fooyame. Pheexroosillee uf beekee, «Gooftaan Maleekkaa ergee harka Heroodisiitii fi banii Yihuudotaa worra isa eega'aa turan maraa jalaa akka na baase amma dhugamaan beekeera» jedhe. Pheexroos haga kana beeke hulee namoonni hedduu itti wol gayanii Rabbiin kadhata'aa turan gara mana Maariyaamii haadha Yohaannisii ka Maarqoos jedhamuu dhaqe. Pheexroos hennaa balbala dhadhayu hojjattuun Roodee jedhamtu takka caqasu'uuf dhuftee, Akka laagaa Pheexroosii ta'e haga beette guddiftee waan gammaddeef uduu balbala hin banne mana keessa ol fiiddee, «Pheexroos balbala afoo dhaabateera!» jettee himte. Isaan ammo, «Hin maraatteerta!» isi'iin jedhan. Isiin ammo ittuma deebitee, «Lakkaa isumaa!» jette. Isaan ammo «Maleekka'a!» jedhan. Pheexroos ammo ittuma deddeebi'ee balbala dhadhaye. Isaan ammo hennaa balbala bananii laalan isa ta'uu haga argan hin maalalfatan. Inni ammo akka cadhisaniif afaan isaanitti dhadhayatee attamitti akka Gooftaan mana hidha'aatii isa baase isaanitti himee, «waan kana Yaaqoobii fi obboleewwan kaawwanittillee himaa'a» isaaniin jedhe. Achii bayee gara hulee biraa dhaqe. Hennaa bari'e, «Pheexroosiin maaltu itti gale?» jedhanii loltoonni guddisanii wocan. Heroodisillee soccisiisee haga dhabe worra eeddotaa qoratee akka isaan ajjeefaman ajaje. Pheexroos Yihuuda'aa gara Qisaariya'aa dhaqee achi taa'e. Heerodis namoota Xiroosiitii fi Siidona'aa woliin wol dhabee ture. Isaan ammo garaa tokko ta'anii gara isaa dhufan. Bilaasxoosii mootichi amanu maarre jechisiisanii araara kadhatan. Biyyi isaanii biyya mooticha saniitii waan nyaataa argata'aa turaniif. Haaganaa qabatanii Heroodis uffata mootumma'aa uffatee teessoo ufii irra taa'ee isaanitti dubbate. Baniinillee, «Laagaa Rabbiiti malee, laagaa namaatii miti» jedha'aa woca'aa iyyan. Innillee waan ulfinna Rabbiif hin kennineef hennama san Maleekkaan Goofta'aa isa dhayee raammo'oon nyaattamee du'e. Dubbiin Rabbii ammo babadhata'aa guddata'aa deeme. Barnaabaasii fi Saa'olillee tajaajila isaanii raawwatanii Yerusaalemii deebi'an. Yohaannisii Maarqoos jedhamullee qabatanii dhufaniin. Woldaa Kiristaanaa ta Anxookiyaa jirtu keessa raattotaa fi barsiisootatu jira. Isaanillee Barnaabaas, Simoonii «Gurraacha» jedhamu, Luukiiyoosii biyya Qareena'aa, Heroodisii bulchaa kutaa arfeesso'oo, hiriyyaa isaa Minaahe'ee fi Saa'oliin fa'a. Isaan kunniinillee hennaa Gooftaa waaqeffata'aa sooman, Ayyaanni Woyyuun, «Barnaabaasii fi Saa'oliin hujii ani isaan waameef naa fooyaa'a» jedhe. Hennaa san soomanii Rabbiin kadhatanii haga harka isaan irra kaayaniin maayii huji'iif isaan ergan. Isaanillee Ayyaana Woyyu'uun ergamanii gara Selewiqiya'aa dhaqan. Achiillee Markabaan gara Qophiroosii deeman. Hennaa Silmaanaa turan mana sagada Yihuudotaatitti dubbii Rabbii lallaban; tajaajilaan Yohaannis isaan gargaaru'uuf isaan woliin ture. Lafa bisaaniin marfamte san maraa haga Phaafa'aa hennaa deddeeman mortuu Baaryasuus jedhamu raatticha sobaa nama Yihuudi'ii tokko argan. Innillee nama waa hubatu Sergiyoos Phaawuloos jedhamu ka biyya bulchu woliin ture. Innillee dubbii Rabbii dhagayuu barbaadee Barnaabaasii fi Saa'oliin gara ufii waame. Mortichi maqaan isaa Elmaas jedhamu ammo bulchaan biyya sanii akka hin amanne fedhee isaan morme. Saa'oliin Phaawuloos jedhamu ammo Ayyaana Woyyuu keessa ta'ee namicha moru guuttatee laalee, «Ati ka dhartinii fi hammeenni marti si keessa guute; ilma daabiloosii! Diina dhuga'aa! Karaa Goofta'aa micciiruu hin dhiiftuu? Amma harki Goofta'aa si dhaya; ka ijaan hin argine taata; haga henna'aatiif ifa hin argitu» jedheen. Hennama san hurriinii fi dukkanti itti buutee, nama harkaan qabee isa masakku soqaa tafaafure. Hennaa san bulchaan biyyaa waan ta'e haga arge barumsa Goofta'aatiin guddisee maalalfatee amane. Kanaan maayessa Phaawuloos goshoota ufii woliin Phaafa'aa ka'ee gara Phinifiliyaa Pheerge'etti aantuu dhaqe. Yohaannis isaan irraa fooyamee gara Yerusaalemii deebi'e. Isaan ammo Pheergeeniin lufanii gara Anxookiya'aa fi gara Phisigiya'aa gayanii guyyaa Sambataatiin gara mana sagada Yihuudotaa seenanii taa'an. Haga Kitaabni seeraatii fi kitaabni raattotaa dubbifamaniin maayii bulchoota mana sagada Yihuudotaa isaanitti erganii, «Obboleeyyan teenna waan banii gorsitan yoo qabaattan mee dubbadhaa'a!» jedhaniin. Phaawuloosillee ka'ee malkataan argisiisee akkana jedhe, «Namoonni Israa'eliitii fi worri Rabbiin sodaattan maruu dhagayaa'a!» Waandhi banii Israa'elii kun abboota keenna fooyatee uduu biyya Misirii keessummummaa jiran banii ufii ol ol qabee hunna ufii gudda'aan achii isaan baase. Gammoojjii keessatti woggaa afurtamaaf isaan nyaachise. Biyya Kana'aaniitii fi worra Yihuudii hin taane torba balleessee lafa isaanii isaan dhaalchise. Kanaan maayessa haga raatticha Saamu'eelii woggaa dhibba afurii fi shantamaa abbootii murti'ii isaanii kenne. Achiin maayii mootii isaan bulchu akka isaanii moosisuuf kadhataniin. Rabbi nama gosa Biiniyaamii keessaa ilma Qiisii Saa'oliin woggaa afurtamaaf isaanii kenne. Isallee haga buuseen maayii Daawitiin isaan irratti mootii taasise; hennaa isaa ragaa bayu, ‹Nama akka garaa kiyyaa ta'e; nama fedha kiyya maraa raawwatu ilma Isseyii Daawitiin argadhe› jedhe. Fiixaa nama kanaa keessaa Rabbi akka dubbii abdii Israa'elii kenneetitti Yesuusiin fayyisaa fide. Dhufuu isaatiin dura Yohaannis dursee banii Israa'elii maraaf cuuphaa aagi'ii lallaba'aa ture. Uduu Yohaannis tajaajila ufii raawwatu, «Ani eennuun akka ta'e na hubattanii? Ani isaa miti. Haa ta'uu ammo ka miseensa kophee luka isaa hiikuun naaf hin malle anaan maayii dhufa» jedhe. «Isin obboleeyyan teenna! fiixaa ijoollee Abrahaamiitii fi isin keessaa worra Rabbiin sodaatan, dubbiin fayyiinsaa kun isinii ergame. Namoonni Yerusaalemiin jiraatanii fi bulchoonni isaanii dubbii raattotaa ka Sambata dubbifamu waan hubachuu dadhabaniif akka dubbii raattotaatitti isatti murteessan. Yoo sababaa du'aaf isa geessullee hin argine, Philaaxoos dursee akka isa ajjeesu kadhataniin. Waan isaatiif waan barreeffame maraa haga raawwatan, fannoo irraa buusanii awwaalan. Rabbi ammo worra du'an keessaa isa kaase. Banii biratti worra ragaa ta'anii fi worra isa woliin Galiila'aa gara Yerusaalemii bayanitti guyyaa hedduu mudhate. Nullee abdii abbootaa inni kenne oduu gammachu'uu isinitti himna. Abdii kana inni faaruu lammeesso'oo keessatti, ‹Ati ilma kiyya; Ani adha si uumadhe› jedhamee akkuma barreeffame, Yesuusiin nuu kaasee nu'u ijoollee isaaniitiif raawwate. Akka hin shamnee fi akka worra du'an keessaallee isa kaasee ka akkanatti amaname, ‹Abdii Daawitii woyyichaa isinii kenna› jedheera. Deebi'ee hulee biraatittillee ‹woyyuun akka shamuuf hin dhiiftu› waan jedhuuf. Daawitillee bara ufiititti haga fedha Rabbii tajaajileen maayii du'ee, abbooti'iin wolitti eda'amee shame. Ka Rabbi kaase kun ammo hin shamne. Eeganaa obboleeyyan tiyya! karaa isaatiin dhiifamsi cubbu'uu akka isinii ta'uuf Seera Muuse'eetiin qajeellota ta'uu hin dandeenne. Ka isatti amanu maruu isaan akka qajeellota ta'an isin biratti ka beekkame haa ta'u. Eeganaa, ‹Isin worri tuffattan laalaa'a! maalalfadhaa'a! badaa'a! waan tokko yoo isinitti hime hujii isin hin amanne, bara keessanitti ani waan hujuuf› jedhamee Wonti raattotaan dubbatame akka isin irra hin geenne uf eegaa'a!» jedhe. Hennaa bayan waan kana Sambata dhufu akka isaanitti himu kadhataniin. Gumiin haga adda yaa'een maayessa Yihuudonninii fi worri gara Yihuudi'ii seenanii waaqeffatan hedduun isaanii Phaawuloosii fi Baarnaabaasiin faanaa deeman. Isaanillee badhaadhummaa Rabbiitiin jabaatanii akka jiraatan isaan hubachiisan. Sambata lammeesso'oo namoota hago'oon ala namni qachaa sanii maruu dubbii Rabbii dhagayu'uuf wol gayan. Yihuudonnillee hennaa banii heddu argan hinaaffa'aan guuttamanii isaan abaara'aa dubbii Phaawuloos dubbatu morman. Phaawuloosii fi Baarnaabaas, «Firrisa dubbii Rabbii ifa baafnee isinitti himuu barbaachisa; Yoo dhiibdan, dubbiin jireenna bara baraa akka isiniif hin taane yoo gootanii fi yoo ufitti murteessitan, nu ammo gara worra Yihuudota hin taanee deebina. Akkasuma Gooftaan, ‹Haga daangaa dhuma lafaa fayyinnaaf akka taatu, Worra Yihuudota hin taaneef ifa si taasiseera› jedhee waan nu ajajeeruuf» jedhan. Worri Yihuudota hin taanellee dhagayanii gammadanii dubbii Rabbiillee kabajjan. Worri jireenna bara baraatiif qophaayan maruu amanan. Dubbiin Goofta'aa biyya maraa keessatti babadhate. Yihuudonni ammo worra waaqeffatan, dubartoota kabajjamanii fi bulchoota qachaa booreessan Phaawuloosii fi Baarnaabaasiin irratti lola kaasanii biyya isaaniitii baqachiisan. Isaan ammo daaraa luka ufii uf irraa dhadhayatanii, gara Iqooniyoonii dhaqan. Darasoonnillee gammachu'uu fi Ayyaana Woyyu'uun guuttaman. Iqooniyo'otti Baarnaabaasii fi Phaawuloos woliin gara mana sagada Yihuudotaa seenanii achittillee sirri'itti waan barsiisaniif Yihuudotaa fi Giriikota keessaa namoonni hedduu amanan. Yihuudonni hin amanne ammo worra Yihuudota hin taane worra amanan irratti kakkaasanii akka jibban godhan. Malkataa fi maalaleen akka harka isaaniititti ta'u isaanii kenna'aa, waan dubbii badhaadhummaa Goofta'aa raga'aa ji'a hedduu achi taa'an. Baniin qacha'aallee gar gar qoodamanii wodhakkaan isaanii Yihuudota woliin, wodhakkaan isaanii ergamtoota woliin taa'an. Worri Yihuudota hin taanee fi Yihuudonni ammo bulchoota isaanii woliin isaan rakkisu'uu fi isaan tumuu yaadan; isaan ammo beekkatanii gara qachoota Liqa'ooniya'aa ka Lisxira'aa fi Darbeen jedhamtuu gara biyya naannoo isaanii dheessan. Achittillee Dubbii Nagayaa lallaban. Lisxiraa keessatti namicha lutti isaa naafate ka urga dhalate irraa jalqabee hokkolu ka horomaa luka ufiitiin deemee hin beennetu achi taa'a'aa ture. Namni kunillee hennaa Phaawuloos dubbatu caqasa'aa ture. Innillee fayyu'uuf akka inni amantaa qabu hennaa arge, Guuttatee ija keessaa laalee laagaa ol qabatee «Qajeelii luka keetiin dhaabadhu» jedheen. Innillee ol jedhee ka'ee deddeeme. Baniin hennaa waan Phaawuloos godhe argan laagaa ufii ol qabatanii afaan Liqa'ooniya'aatiin, «Maleekka'atu nama fakkaatee gara keenna bu'eera» jedhan. Baarnaabaasiin, «Diyaa» jedhaniin. Phaawuloosillee inni dubbataa ijoo waan ta'eef, «Hermeen» jedhaniin. Gadichi Diyaan mana woyyuu ka afoo qacha'aa jiru keessatti korommi'ii fi abaaboo bareechifamee marame banii woliin gara balbalaa fidee kennaa ciinca'aa godhee kennuu barbaade. Ergamtoonni Baarnaabaasii fi Phaawuloos ammo henna kana dhagayan uffata ufii tarsaasanii gara bani'ii fiiganii iyya'aa akkana jedhan, «Isin namoota nana! maaf kana gootan? Nullee ammo namuma akka keessaniiti waan duwwaa kana irraa gara Rabbii jiraataa ardii, samii, galaanaa fi waan galaana keessa jiraatu mara uumee akka deebitaniif Dubbii Nagayaa isinitti lallabna. Inni dhaloota darbe keessatti worra Yihuudii hin taane maraa gara karaa ufii fedhanii akka deeman dhiise. Hujii mishaa hojjata'aa samii irraa roobni roobee ji'a daraaraan daraaru nuu kennee, garaa keenna nyaataa fi gammachu'uun guute; kanniin maraan akka Rabbiin ta'e mudhise.» Kana jedhanii akka ciincaa isaaniif hin goone banii giddi'iin dhooggan. Yihuudonni Anxookiya'aa fi Iqooniyooniin keessaa dhufan ammo banii sossobanii Phaawuloosiin tumanii waan du'e isaanitti fakkaatee qacha'aa gara raasa'aa harkisaniin. Ta'ullee uduma darasoonni isa marsaniiran ka'ee gara qacha'aa seene. Bariisaa san Baarnaabaasiin woliin gara Darbe'ee dhaqe. Haga woldaa kiristaanaatitti manguddoota muudaniin maayessa soomanii Rabbiin kadhatanii Gooftaa itti amananitti yaboo isaan kennan. Phisidiyaa keessa lufanii gara Phinfiliya'aa dhaqan. Phergeenittillee haga dubbii himaniin maayii gara Ixaaliya'aa bu'an. Achiillee hujii raawwatanii gara hulee Ayyaana Rabbiititti yaboo kennanii gara Anxookiya'aa markabaan deeman. Hennaa achi gayan woldaa kiristaanaa wolitti qabanii waan Rabbi isaan irraan godhe maraa worra Yihuudii hin taaneefillee Rabbi balbala amanti'ii akka isaanii bane himan. Darasoota woliinillee guyyaa heddu taa'an. Namoonni gari gariin Yihuuda'aa gad bu'anii, «Akka seera Muuse'eetitti yoo hin gadoomne fayyuu hin dandeettan» jedha'aa obboleewwan barsiisan. Hennaa Phaawuloosii fi Baarnaabaas isaan jiddu'utti mormiin ka'e, waan wol mormii Phaawuloosii fi Baarnaabasiitiif isaan keessaa gari gariin namoonni biraallee gara ergamtootaa fi gara manguddootaa gara Yerusaalemii akka bayan murtaaye. Woldeenni kiristaanaa karaa irratti isaan gargaara'aa, isaanillee akka worri Yihuudii hin taane gara Rabbii deebi'an isaanitti hima'aa, Finiqe'ee fi Samaariyaa keessa lufan obboleewwan maruu guddisanii gammadan. Hennaa Yerusaalemiin gayan woldaan Kiristaanaatii fi ergamtoonni, manguddoonnillee isaan simatanii waan Rabbi isaan irraan godhe maraa odeessan. Gosa Fariisotaa keessaa worri amanan gari gariin ka'anii, «Akka gadoomanii fi akka seera Muuse'ee eegan isaan ajajuu barbaachisa» jedhan. Ergamtoonninii fi manguddoonni waan kana mari'achu'uuf wol gayan. Haga guddisanii wol mormaniin maayessa Pheexroos ka'ee akkana isaaniin jedhe, «Obboleewwan tiyya! worri Yihuudii hin taane afaan kiyya irraa Dubbii Nagayaa dhagayanii akka amanan Rabbi bara hago'oon dura isin keessaa akka ana file isinuu hin beettan. Waandhi yaada namaa beeku akkuma Ayyaana Woyyuu nuu kenne isaaniillee kennu'uun ragaa isaanii baye. Qalbii isaaniillee amanti'iin hennaa qulqulleessu nu'uu fi isaan wol hin caalchifne. Eeganaa waan nu'u fi abbootiin teenna baadhatuu hin dandeenne qambaraa gurmuu darasootaa irratti fe'u'uun amma maaf haga Rabbii laaltan? Haa ta'uu ammo badhaadhummaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin akkuma isaanii akka fayyinu hin amanna.» Hennaa kana baniin maruu hin cadhise. Baarnaabaasii fi Phaawuloosillee waan Rabbi harka isaaniititti worra Yihuudii hin taane jiddu'utti malkataa fi maalalee godhe maraa hennaa isaanitti himan dhagaya'aa turan. Haga isaan cadhisaniin maayessa Yaaqoob akkana jedhee deebise, «Obboleewwan tiyya! na dhagayaa'a! Rabbi worra maqaa isaatiif ta'u worra Yihuudii hin taane keessaa fooyatu'uun dura attamitti akka isaan laale Simoon dubbateera. Waan kana woliin akkuma dubbiin raattotaa wol ta'a jedhame barreeffame, ‹Achiin maayii namoonni hafanii fi worri maqaa kiyyaan waamaman; worri Yihuudii hin taane maruu Gooftaa soqu'uuf hin deebi'an. Daasee Daawitii ta kuftellee deebisee ijaara; ka diiggamellee deebisee ijaara; deebisee dhaaba; jedha Gooftaan kana godhu. Dur irraa jalqabee hujiin maruu Rabbiin afo'otti ka beekkame.› «Kanaafuu worri worra Yihuudii hin taane irraa gara Rabbii deebi'an akka isaan hin rakkifne; waaqolee tolfamaa, battummaa, seebaruu, horii ufiin du'ee fi dhiiga irraa akka fagaatan isaanii barreessu'uuf kutadheera. Muuseen dhaloota duraa irraa jalqabee Sambata Sambata mana sagada Yihuudotaatitti hennaa dubbisan qachaa maraa keessattuu worra seera isaa lallaban» hin qaba. Hennaa san ergamtoonninii fi manguddoonni woldaa kiristaanaa maraa woliin, isaan keessaa namoonni filataman Phaawuloosii fi Baarnaabaasiin woliin gara Anxookiya'aa akka ergaman hoffolchan. Isaanillee obboleewwan jiddu'utti worri ijoo ta'an Yihuudaa Beersiyaan jedhamuu fi Sillaasiin fa'a. Akkanatti barreessanii isaan irraan ergan. Ergamtoonninii fi manguddoonni obboleewwanillee worra Anxookiyaa, Sooriya'aa fi Kiliqiyaa jiran obboleewwan gosa Yihuudii hin taaneef nagaya dhaamaniiru. Namoonni uduu nu isaan hin ajanye nu biraa ka'anii, «gadoomtanii seera Muuse'ee eegu'utu isin barbaachisa» jedha'aa yaada keessan booreessa'aa dubbi'iin akka isin raasan waan dhageenneef, Waan Goofta'aa, waan maqaa Yesuus Kiristoosiitii fi worra lubbuu ufii kennan worra jaalannu Baarnaabaasii fi namoota Phaawuloosiin woliin filataman, gara keessan erguu yaada tokkoon wolii galle. Isaanillee akkasuma afaanuma ufiitiin woma san akka isinitti himan Yihuuda'aa fi Sillaasiin ergineerra. Isaanillee nagayatti isaaniin jedhanii gara Anxookiya'aa bu'an; baniillee wolitti qabanii xalayaa isaanitti kennan. Hennaa dubbisan waan gorsa isaatiif gammadan. Yihuudaanii fi Sillaasillee raattota waan ta'aniif guddisanii amantoota gorsanii jabeessan. Haga guyyaa hedduu taa'aniin maayessa obboleeyyanitti nagaya dhaamatanii gara ergamootaa deeman. Sillaas ammo achi jiraatuu fedhe. Phaawuloosii fi Baarnaabaasillee namoota kaawwan heddu woliin akkasuma dubbii Goofta'aa barsiisa'aa, Dubbii Nagayaa lallaba'aa Anxookiyaa keessa jiraatan. Guyyaa hago'oon maayii Phaawuloos Baarnaabaasiin, «Deebinee bakka dubbii Goofta'aa itti lallabne qachaa marattuu attamitti akka jiran akka beennu obboleeyyan haa tooyannuu» jedheen. Baarnaabaasillee Yohaannisiin Maarqoos jedhamu deebi'ee isaan woliin akka deemu yaade. Phaawuloos ammo inni isaan woliin akka deemu hin hoffolchineen; isaan biraa Phinfiliya'atti fooyamee waan tureef gara huji'ii isaan woliin hin dhufne. Kanaafuu Phaawuloosii fi Baarnaabaas wol dhabanii adda bayan. Baarnaabaas Maarqoosiin fudhatee markabaan gara Qophiroosii deeme. Phaawuloos ammo Sillaasiin filate; haga obboleewwan badhaadha Rabbiitiif yaboo kennaniin maayii hin baye. Woldaa kiristaanaa jajjabeessa'aa Sooriya'aa fi Kiliqiyaa keessa deddeeme. Phaawuloos gara Darbe'ee fi Lisxira'aa gaye; Lisxiraa keessa darasaa Ximootewoos jedhamu ka haati isaa saba Yihuudi'ii, ka abbaan isaa ammo nama Giriikii ta'etu ture. Waan isaa, obboleewwan Lisxiraanii fi Iqooniyoon jiran ragaa ta'aniif. Phaawuloos isa qabatee bayuu fedhe; Yihuudota hulee san jiraniif jedhee akka abbaan isaa nama Giriikii ta'e waan beekaniif qabee gadoomseen. Hennaa qachoota keessa deddeeman ergamtoonninii fi manguddoonni Yerusaalemiin jiran seera muratan akka eegan isaanii kennan. Woldoonni Kiristaanaa amanti'iin jabaatan. Laakkobsi isaanii guyya guyya'aan eda'ama'aa ture. Isiya'attillee dubbii Rabbii akka hin dubbanne Ayyaanni Woyyuun waan isaan dhooggeef Firgiya'aa fi biyya Galaatiya'aa keessa lufan. Hennaa kolba Misiya'aatiin gayan gara Bitaaniya'aa deemu'uuf yaalan Ayyaanni Yesuusii isaan hin hoffolchine. Cinaa Misiya'aatiin lufanii gara Xiro'aada'aa bu'an. Eebju'uun halkan Phaawuloositti mudhatee namni Maqedooniya'aa tokko, «Gara Maqedooniya'aa ceeyiitii nu gargaari» jedha'aa dhaabatee isa kadhata'aa ture. Haga eebjuu argeen maayii Dubbii Nagayaa akka lallabnuuf Rabbi waan nu waame waan nutti fakkaateef yoma san gara Maqedooniya'aa bu'uu barbaanne. Xiro'aada'aallee kaanee qajeellee Samootraaqee dhandhe; bariisaa gara Naaphule'ee markabaan deemne. Achiillee gara Filiphisiyuusii geenne; isiin qachaa Maqedooniya'aa taatee ta qachaa guddittii aanaa jala jirtu; hennaa garii qachaa tana turra. Guyyaa Sambataa balbala qachatti'ii saniin alatti bakki Rabbiin kadhachu'uuf tolu achi waan jiru waan nutti fakkaateef gara cinaa lagaatiin baanee, teennee dubartoota wol gayanitti dubbanne. Dubartoota nu caqasa'aaran keessaa dubartiin qachaa Tiyaaxirooniitii dhufte ta uffata diimaa haphii gurgurattu takkatu jira. Maqaan isi'ii Liidiyaa jedhama. Isiin dubartii Rabbiin waaqeffattu waan taateef dubbii Phaawuloos dubbatu akka caqaftuuf Gooftaan qalbii isi'ii bane. Isiinillee maatii mana isi'ii woliin haga cuuphamteen maayii «Goofta'atti akka amanu yoo feetan gara mana kiyyaa seena'aatii jiraadhaa'a» jettee nu kadhate. Hennaa hulee Rabbiin itti kadhatan dhandhu dubartiin ayyaanni mortu'uu keessa jiru ta gooftota ufiitiif mora'aa bu'aa guddaa fida'aa turte hojjattuun takka nu argitee, Isiin nu faanaa deema'aa, «Namoonni karaa fayyiinsaa isinitti himan kunniin garboota Rabbii maraa oliiti!» jedha'aa iyya'aa turte. Waan kana guyyaa heddu goote. Phaawuloos ammo rakkatee uf duuba midhatee akka ayyaanni hamaan isii keessaa bayu, «Maqaa Yesuus Kiristoosiitiin akka isii keessaa baatuuf si ajaja» jedhe; Yoma san isii keessaa baye. Gooftonni isi'ii akka abdii bu'aa ufii dhaban haga argan Phaawuloosii fi Sillaasiin qabanii gara gabaya'aa harkisaniinii, bulchoota afo'otti dhiyeessanii, «Namoonni kunniin Yihuudota ta'anii qachaa keenna guddisanii raasa'aaran. Nu namoota Rooma'aa waan taaneef waan akka goonuuf nuuf hin eeyyamamne dubbatan» jedhan. Baniinillee wol ta'anii isaanitti ka'an; bulchoonni uffata isaanii irraa mulqanii ule'een akka isaan dhaanan ajajan. Haga guddisanii isaan tumaniin maayii gara mana hidha'aa isaan galchan; ka mana hidha'aa eegullee sirri'itti akka eegu ajajaniin. Innillee ajaja kana fudhatee gara mana hidha'aa ka keessaatitti isaan galchee, luka isaanii gudeelcha lamaan jiddu'utti galchanii hidhan. Halkan qixxee ammo Phaawuloosii fi Sillaas Rabbiin kadhata'aa faaru'uun Rabbiin galatoonfata'aa turan. Worri hidhamanillee caqasa'aa turan. Dimmaa hundeen mana hidha'aa haga raafamutti lafti sochoote. Hennama san balballi maruu banamee hidhaan nama maraa hiikkame. Ka mana hidha'aa eegu hirribaa dammaqee balbalti mana hidha'aa banamtee hennaa arge, waan worri hidhaman jalaa badan seeyee uf ajjeesu'uuf yaadee guraadee luqqifate. Phaawuloos ammo laagaa gudda'an, «Nu maruu asuma jirraa uf irratti waan hamtuu hin godhin» jedhee itti lallabe. Hennaa kana eedduun balbala eegu ibsaa kadhatee gara keessaa ol fiigee hollata'aa Phaawuloosii fi Sillaasiin afo'otti kufe. Jara gara diidaa gad baasee, «Gooftota tiyya! fayyu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Gooftaa Yesuus Kiristoositti amani atii fi maatiin mana keetiillee hin fayyitanii» jedhaniin. Isaa fi worra mana isaa jiran maraaf dubbii Rabbii isaanitti himan. Halkanuma san sa'aatii sanitti fuudhee madaa isaanii miicee, hennama san inni maatii ufii maraa woliin cuuphame. Gara mana ufii isaan fidee hurbaata dhiyeesseef; inni waan Rabbitti amaneef maatii ufii maraa woliin gammade. Haga lafti bariite bulchoonni, «Namoota sanniin hiikaa'a!» jedhanii garboota ufii ergan. Eedduun mana hidha'aa, «Akka hiikkamtan bulchoonni nama erganiiru; eeganaa amma baya'aatii nagayaan deemaa'a» jedhee dubbii kana Phaawuloositti hime. Phaawuloos ammo, «Nu namoota Rooma'aa taanee murtee malee banii afo'otti nu tumanii mana hidha'aatitti nu galchan. Amma dhossa'aan gad nu dhiisanii? Hin ta'u! ufumaa dhufanii nu haa baasanii» isaaniin jedhe. Garboonni isaallee waan kana bulchootatti himan. Isaan namoota Rooma'aa ta'uu isaanii hennaa dhagayan, sodaatanii dhufanii isaan kadhatan. Mana hidha'aatii isaan baasanii qachaa san keessaa akka bayan isaan kadhatan. Phaawuloosii fi Sillaas mana hidha'aatii bayanii gara mana Liidiya'aa seenan. Obboleewwanillee haga argan isaan jajjabeessanii achii deeman. Phaawuloosii fi Sillaas Anfiiphoolii fi Aphooloniyaa keessa lufanii gara Tasolonqe'ee deeman. Achi mana sagada Yihuudotaatitu ture. Phaawuloos akkuma aadeeffate mana sagada Yihuudotaa seenee Sambata sadihiif kitaabbilee woyyuu irraa dubbisa'aa isaan hubachiisa'aa ture. Yoo isaanii ibsu Kiristoosiin irra akka rakkinni gayu, du'aa ka'uun isaaf akka ta'u isaan hubachiisa'aa, «Yesuusiin ani isiniif lallabu kun inni Kiristoos» jedha'aa ture. Kanaafuu isaan keessaa gari garii waan dhagayan fudhatanii Phaawuloosii fi Silaasiin wol ta'an; akkasuma dubartoonni Giriikotaa heddu worri Rabbiin sodaatan kabajjamoonni waan dhagayan fudhatanii isaaniin wol ta'an. Yihuudonni ammo waan hinaafaniif namoota hujii hiikan hammeeyyii fidanii baniillee wolitti qabanii qachaa booreessan; Phaawuloosii fi Sillaasiin fidanii banii afoo isaan dhaabsisu'uuf gara mana Iyyaasoonii ariifatanii deeman. Hennaa arguu dhaban Iyyaasoonii fi obboleewwan gari garii gara bulchoota qachaa ufii harkisanii, «Worri adunyaa booreessan kunniin, garanallee dhufaniiran. Iyyaasoonillee mana ufiititti isaan simateera; isaan maruu, ‹Mootiin biraa ka Yesuus jedhamu hin jira› jedha'aa ajaja Qeesarii morman» jedha'aa iyyan. Bani'ii fi bulchoonni qacha'aa hennaa waan kana dhagayan keessi isaanii booraye. Iyyaasoonii fi worra isaan woliin jiran wobii waamsisanii gad dhiisan. Yoma san obboleewwan Phaawuloosii fi Sillaasiin halkaniin gara Beeriya'aa isaan ergan; hennaa achi gayanillee gara mana sagada Yihuudi'ii seenan. Kunniin worra Tasoloonqee jiran caalaa worra yaada misha'aa waan ta'aniif, dubbiin kun akkana ta'innaa? jedha'aa guyya guyya'aan kitaaba qorata'aa dubbii Rabbii fedha guutu'uun fudhatan. Kanaafuu isaan keessaa Giriikonni hedduu, dubartoonni kabajjamoon fi dhiira laakkobsaan heddu ta'antu amane. Yihuudonni Tasolonqee jiran ammo Phaawuloos Beeriya'atti akkasuma dubbii Rabbii akka lallabe hennaa beekan, garasillee dhufanii banii booreessan. Hennaa san obboleewwan Phaawuloosiin yoosuu haga galaanaa akka deemu ergan. Sillaasii fi Ximootewoosillee achitti hafan. Worri Phaawuloosiin geegessan ammo haga Ateena'aa geessaniin. Ajaja Phaawuloosii ka, «Haga isaanii danda'ameen ariiti'iin uduu hin turre Sillaasii fi Ximootewoos gara kiyya haa dhufanii» jedhu fudhatanii deebi'an. Phaawuloos Ateena'atti uduu isaan eega'aaru waaqoleen tolfamaan qachaa keessatti ka baay'ataniiran argee, aaree garaan gubate. Kanaafuu mana sagadaa Yihuudotaatii namoota Rabbiin waaqeffatan woliin guyya guyya'aan worra gabayaa keessatti arge woliin dubbata'aa ture. Worra Efiqoroos ogeeyyii Istookoos worra jedhaman gari gariin isaan wol argan; gariin ammo, «Kun qaaqilichi maal dubbatuu barbaada?» jedhan. Gariin waan Dubbii Nagayaa du'aa ka'uu Yesuusii waan isaanitti lallabeef, «Waan waaqolee haarawaa waan dubbatu fakkaata» jedhan. Isa qabanii, «Barumsi haaroofni ati dubbattu kun maal akka ta'e beekuu dandeennaa? Waan haarawa waan nutti himteef. Eeganaa wonti kun maal akka ta'e beekuu feena» jedhanii gara hulee Ariyoosfagoos jedhamuu fidaniin. Namoonni Ateena'aa maruu keessummoonni achi jiraatan dubbii haarawa dubbachu'uu fi dhagayuu malee worra hujii biraa hin qabne. Kanaafuu Phaawuloos wol geettii Ariyoosfaagoositti isaan jidduu dhaabatee akkana jedhe, «Namoota Ateena'aa! isin waa maraanuu akka guddiftanii waaqolee tolfamaa sodaattan arga'aara. Waan waaqeffattan laala'aa yoo deemu, barreeffama ‹Waaqa hin beekkamneef› jedhullee hulee ciincaa itti dhiyeessan tokko irratti arge. Eegasuu ka uduu hin argine waaqeffattan kana kunoo ani isinitti hima. Waaqa adunya'aa fi waan adunyaa keessa jiru maraa uume, inni Gooftaa ardi'ii fi sami'ii waan ta'eef, mana woyyuu harka namaatiin ijaarame keessa hin jiraatu. Inni namoota maraafuu jireennaa fi Hafuura akkasuma ka woma maraa kennu waan ta'eef, womaa isa jalaa waan hin dhidhanneef hujii harka namaatiin hin tajaajilamu. Sanyii nama maraatuu gosa tokko irraa uumee ardii maraa irra akka jiraatan taasise; haga bara jiraataniitii fi daangaa jiraatan isaaniif murteesse. Inni wonti waan kana godheef maal laataa namoonni qoratu'uun yoo ka Rabbiin arganii jedheeti; yoo kanallee ta'e inni ka nu maraa irraa fagaatee miti. Isin keessaa worri weeddisuu beekan gari gariin akkasuma, ‹Nullee firoota isaati› jedhanii akkuma dubbatan, isaan jiraattota waan taaneef hin sosochoona; hin jiraannalle'e. Eeganaa nu firoota Rabbii yoo taane, ‹Waaqa fakii worqi'ii, yookaan birrii, yookaan dhagaa irraa yaada ogummaa namaatiin hojjatame fakkaata› jennee yaaduu nu hin barbaachisu. Eeganaa Rabbi ji'oota wollaalaan dabarse amma bakka marattuu aagii akka galan nama maraa ajaja. Inni waan haaganaa qabeeruuf guyyaa san harka nama qopheessee saniin adunyaa irratti qajeellumma'aan murteessu'uuf ta'a. Kanaafuu worra du'e keessaa isa kaasu'uun maraa mirkaneesseera» Hennaa waan worra du'aa ka'uu dhagayan gariin isatti baldan, gariin ammoo «Waan kana hennaa biraa si irraa dhageenna» jedhaniin. Kanaaf Phaawuloos jidduu isaaniitii baye. Worri dhiiraa gariin wolii galanii amanan. Isaan keessaa akkasuma Diiyaanasoos abbaa seeraa ka mana murtii Ariyoosfaagoos jiru, dubartiin Damaaris jedhamtu takkaa fi kuuwwanillee isaan woliin turan. Kanaan maayessa Phaawuloos Ateena'aa bayee gara Qorontoosii dhufe. Achitti nama dhalootaan Phanxoos ta'e namicha Yihuudi'ii ka Aqilaa jedhamu tokko arge; inni hennaa hago'oon dura haadha manaa ufii Phirsqillaa woliin Ixaaliya'aa dhufee ture. Yihuudonni akka Roomaa keessaa bayan waan Qelaawudewoos ajajeef gara isaanii dhaqe. Hujiin isaanii waan tokko ta'eef isaan bira taa'ee isaan woliin hojjata'aa ture. Hujiin isaanii daasee hodhu'u. Sambata maraa dubbii Rabbii mana sagadaa Yihuudotaa keessatti hima'aa, namoota Yihuudotaatii fi Giriikotallee hubachiisa'aa ture. Sillaasii fi Ximootewoosillee hennaa Maqedooniya'aa dhufan, Phaawuloos ammo Yesuus Kiristoosiin akka ta'e Yihuudotatti hima'aa dubbii Rabbiitiin jabaata'aa ture. Haa ta'uu ammo hennaa isa mormanii fi arrabsaniin uffata ufii hargufata'aa balleessaa keessaniif isintu gaafatama. «Ani qulqullu'u! ammaa achi gara worra Yihuudota hin taanee deema» isaaniin jedhe. Achii bayee gara mana nama Rabbiin waaqeffatuu ka Iyyoosxoos jedhamuu seene. Manni isaallee mana sagada Yihuudotaa bira. Bulchaan mana sagada Yihuudotaa Qersiphoosillee maatii ufii maraa woliin Goofta'atti amane. Namoota Qorontoosii keessaallee hedduun haga dhagayan amananii cuuphaman. Gooftaan halkan manaabaan Phaawuloosiin, «Ani si woliin jira; eennullee ka si irratti waan hamaa godhu'uuf ka'u waan hin jirreef hin sodaatin. Haa ta'uu ammo qachaa tana keessaa banii hedduu waan qabduuf dubbadhu; hin cadhisin» jedheen. Jidduu isaaniititti dubbii Rabbii isaan barsiisa'aa wogga'aa fi ji'a jaha taa'e. Hennaa Gaaliyoos biyya Akaayiyya'aatitti bulchaa ture, Yihuudonni yaada tokko ta'anii wolii galu'uun Phaawuloosiin irratti ka'anii gara dhaddacha murti'ii fidan. «Namni kun seera mormee akka Rabbiin waaqeffatan namoota hawata» jedhaniin. Uduu Phaawuloos dubbatu'uuf ta'u Gaaliyoos Yihuudotaan akkana jedhe, «Wonti kun yaada hamaa yookaan dogoggora uduu ta'ee, himannaa keessan ani silaa obsaan isinii dhagaya. Waan dubbi'iitiif, waan maqa'aatiif waan seeraa yoo ka mormitan ta'e isinuu uf eegaa'a; ani waan kana irratti murteessaa ta'uu waan naa hin eeyyamamneef, isinummaan fixadhaa'a» isaaniin jedhe. Kana dubbatee afoo dhaddacha murti'iitii isaan baase. Namoonni Giriikotaa maruu bulchaan mana sagada Yihuudotaa Soosteensiin qabanii dhaddacha afo'otti tumaniin; Gaaliyoos garuu waan kanniiniif hajaa hin qabu ture. Achiin maayessa Phaawuloos guyyaa hedduu achi turee amantootatti nagaya dhaamatee markabaan gara Sooriya'aa deeme. Phaawuloos woreega Rabbii galee waan jiruuf hulee Kinkira'oos jedhamtutti mataa ufii haadate. Phirisqilla'aa fi Aqilaanillee isa woliin turan. Hennaa Efesooniin gayan isaan achitti dhiisee ufii ammo gara mana sagada Yihuudotaa seenee Yihuudota woliin dubbata'aa ture. Isaanillee hennaa dheeraa akka isaan bira taa'u hennaa kadhataniin, inni ammo hin dide. Haa ta'uu ammo hennaa nagaya isaanitti dhaamate; «Ayyaana dhufu Yerusaalemitti dabarsuu naa woyya; yoo Rabbi jedhe gara keessanillee hin deebi'a» isaaniin jedhee Efesoonii markabaan ka'e. Hennaa Qisaariyaa gaye, achii bayee haga wolda Kiristaanaa nagaya gaafateen maayessa gara Anxookiya'aa gad bu'e. Haga guyyaa hagoo tureen maayessa achii ka'ee biyya Galaatiya'aatii fi Firgiyaa keessa deema'aa darasoota maraa jajjabeesse. Namichi Yihuudi'ii ka gofti isaa Iskindiriya'aa, ka maqaan isaa Aphiloos jedhamu, ka dubbii beeku, gara Efesoonii gad bu'e. Inni nama barate ka kitaabbilee woyyuu sirri'itti beeku ture. Inni nama waan Goofta'aa barate, haa ta'uu malee inni cuuphaa Yohaannisii callaa waan beekuuf Ayyaana hinaaffa'aatiin guuttamee waan Yesuusii dubbata'aa midhaassee barsiisa'aa ture. Innillee mana sagadaa Yihuudotaa keessatti ifaan dubbatuu jalqabe. Phirisqilla'aa fi Aqilaan hennaa dhagayan fuudhanii waan Rabbii ka duranii caalaa midhaassanii ibsaniif. Inni hennaa gara Akaayiyya'aa dhaquu barbaade obboleewwan akka isa jajjabeessaniif isa simatan gara darasootaa xalayaa barreessaniif. Inni haga achi gaye worra badhaadha Ayyaana Rabbiitiin amananiif gargaarsa guddaa ta'e. Yesuus inni Kiristoosiin akka ta'e kitaaba keessaa ibsa'aa, Yihuudota maraa afo'otti jabeessee isaan hubachiisa'aa ture. Uduu Aphiloos Qorontoosiin jiru Phaawuloos biyya gaaraa keessa lufee gara Efesoonii dhufe. Darasoota gari garii argee, «Isin hennaa amantan, Ayyaana woyyuu fudhattaniirtuu?» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Hin fudhanne; akka Ayyaanni Woyyuun jiru horomaa hin dhageenne» jedhaniin. «Eegasuu maali'iin cuuphamtan ree?» Isaaniin jedhe. Isaanillee, «Cuuphaa Yohaannisiiti» jedhaniin. Phaawuloosillee, «Yohaannis Yesuus Kiristoosii isaan maayessa dhufutti akka amanan bani'itti hima'aa cuuphaa aagi'ii cuuphe» isaaniin jedhe. Hennaa waan kana dhagayan maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphaman. Phaawuloosillee hennaa harka ufii isaan irra kaaye Ayyaanni Woyyuun isaan irra bu'e; laagaa haarawaa fi raagallee dubbatan. Isaan haga namoota kudha lamaa turan. Gara mana sagada Yihuudotaa seenee waan jeennata Rabbii dubbata'aa isaan hubachiisa'aa haga ji'a sadihii addaataa dubbata'aa ture. Isaan keessaa gari gariin ammo banii afo'otti morkatanii barumsa amantii Kiristaanaa arrabsan. Kanaaf Phaawuloos isaan dhiisee darasoota hojjatti baafatee guyya guyya'aan mana barumsa Xiraanoos jedhamu keessatti isaan barsiisa'aa ture. Worri Isiyaa jiraatan maruu Yihuudonnillee namoonni Giriikiillee dubbii Goofta'aa haga woggaa lamaa barata'aa turan. Rabbillee harka Phaawuloosiititti baasa nama maalalchiisu godhe. Kanaafuu uffata isaa fuudhanii gara worra dhibamanii fidanii worra dhibamaniin hennaa tuqan isaan hin fayyan ture; ayyanni hamaanillee isaan keessaa baya'aa ture. Yihuudota jinnii baasa'aa olii fi gadi deeman keessaa gariin, maqaa Yesuusii ka Phaawuloos lallabuun akka baatan isin ajanya» jedha'aa maqaa Gooftaa Yesuusii namoota hafuurri hamaan qabe isaanitti waamuu yaalan. Ijoolleen torban namicha Asiqewwaa jedhamuu ka bulchaa gadoota Yihuudi'ii tokko woma kana godhu'uuf barbaadan turan. Ayyaanni hamaan ammo deebisee, «Yesuusiin hin beeka; Phaawuloosiinillee hin beeka; isin hoo eennu fa'a?» isaaniin jedhe. Namichi ayyanni hamaan keessa jiru isaanitti utaalee isaan madeessee mooyate; isaanillee qullaa mana san keessaa bayanii dheessan. Kunillee Yihuudotaa fi Giriikota Efesooniin keessa jiraatan maraa biratti hin beekkame. Isaan martinuu hin sodaatan; maqaan Gooftaa Yesuusiillee hin kabajjame. Worra amanan keessaa namoonni hedduu dhufanii cubbuu ufii ifa baasanii himata'aa turan. Worra asmaa kataban keessaa namoonni hedduu kitaabban wolitti qabanii nama maraa afo'otti guban. Gatiin isaa yoo bikkamu birrii kuma shantamaa ta'e. Akka kanaan dubbiin Goofta'aa hunnaan mooyata'aa guddata'aa ture. Haga wonti kun ta'een maayessa Phaawuloos karaa Maqedooniya'aatii fi Akaayiyya'aatiin lufee Yerusaalemiin deemu'uuf Ayyaanaan murteeffatee, «Yoo achi gaye Roomaallee gayuu na barbaachisa» jedhe. Worra tajaajilan keessaa lamaan Ximootewoosii fi Erxoosiin gara Maqedooniya'aa ergee, ufii ammo guyyaa hagoo Isiyaa keessa ture. Hennaa san waan karaa Goofta'aa kanaaf, lolli guddaan ka'e. Namichi Dimeexiroos jedhamu ka meetii bassu fakii mana woyyuu Arxemsii meetii irraa hojjata'aa worra meetii bassuu bu'aa guddaa argamsiisa'aa ture. Worra hujii kana fakkaatu hojjatan wolitti qabee akkana isaaniin jedhe, «Namoota nana! Bu'aan keenna hujii kanaan akka ta'e hin beettan. Waan kana Phaawuloos, ‹fakiin harka namaatiin hojjatame waaqaa miti› jedhee Efesooniin calla'atti uduu hin taane biyya hago'oon alatti Isiyaa marattuu banii heddutti himee akka isaan dogoggorse argitaniirtan; dhageettaniirtanille'e. Akka kanaan hujiin keenna hin tuffatama'aara; manni woyyummaa Arxeemisii guddo'o; ta guutuun Isiya'aatii fi adunyaan marti isii itti waaqeffatu ka gatii hin qabne ta'eera.» Namoonni hennaa kana dhagayan aaranii, «Arxeemisiin Efesoonii guddo'o» jedha'aa iyyan. Yoma san qachaan maruu raafamte. Namoonni banii Maqedooniya'aa, hiriyyoota Phaawuloosii Gaayiyyoosii fi Arsixirookoosiin fa'a qabatanii gara hulee tapha itti mudhisanii gad fiiganii seenan. Phaawuloosillee banii keessa seenuu barbaannaan darasoonni isa dhooggan. Bulchoota Isiya'aa keessaa goshoonni Phaawuloosii gariin nama gara isaa erganii, akka bakka taphaa hin dhandhe isa kadhatan. Yaa'iin asii achi jedha'aa iyya'aa wolitti bu'e. Garri caalaan isaanii ammo waan achitti wol gayaniifillee hin beenne. Yihuudonni namicha Iskindiroos jedhamu dhiibanii afoo bani'iititti baasan. Iskindiroosillee harkaan mudhisee akka isaanii falmu godhan. Isaanillee akka inni nama Yihuudi'ii ta'e haga beekan martinuu laagaa tokkoon «Arxeemisiin Efesoonii guddo'o» jedha'aa haga sa'aatii lamaa wocan. Barreessaan qachaa sanii banii cadhisiisee akkana jedhe, «Isin namoota Efesoonii! manni woyyuun Arxeemisii guddittiinii fi fakii isi'ii ka sami'ii bu'e eegu banii qachaa Efesoonii akka ta'e ka hin beenne jiraa? Kanaafuu ka waan kana waakkatu yoo hin jiraanne, akka cadhiftaniif; waan tokkollee ariiti'iin akka hin goone barbaachisa. Namoonni kunniin uduu mana woyyuu hin saamne, yookaan uduu waaqa teenna tana hin arrabsine qabdanii haga asii fiddaniirtan. Eeganaa Dimeexiroosii fi worri meetii bassan ka isa woliin jiran ammo waan ittiin nama himattan yoo qabaattan guyyaan murti'ii waan jiruuf, worri murtii kennullee waan jiruuf achitti wol haa falmanii. Yoo waan biraa barbaaddan ammo yaa'ii gumi'iitiin hiikkama. Raafama adha ta'e kanaaf jedhanii akka nu hin himanne, waan sodaachisuuf, waan sababaa hin qabneef gumii tanaa deebii kennuu hin dandeennu» Kana jedhee gumii gar gar kaase. Haga wolitti bu'iinsi qabbanaayeen maayii Phaawuloos darasoota waamsisee isaan gorsee, nagaya itti dhaamee gara Maqedooniya'aa deemu'uuf baye. Biyya san keessa hennaa lufe, dubbii Rabbiitiin haga guddisee isaan gorseen maayii gara biyya Giriikii dhaqe. Ji'a sadihii achi taa'ee gara Sooriya'aa markabaan hennaa deemuu yaade Yihuudonni waan seera itti muraniif Maqedooniyaa keessa lufee deebi'uuf kutate. Worri isa geegessan, Susiphaxiroosii Beeriya'aa, namoota Tasolonqee keessaa, Arsixirookoosii fi Sikonduus, Gaayiyyoosii Darbe'ee, Ximootewoos, Tikiqoosii fi Xirofimoos fa'a godina Isiya'aa keessaa isa woliin deeman. Isaan sunniin nu afoo lufanii Xiro'aada'atti nu eegan. Nu ammo guyyaa ayyaana faasika'aatiin maayii Filiphisiyuusii markabaan kaanee, guyyaa shanitti gara Xiro'aada'aa isaan bira geennee guyyaa torbaa achi teenne. Guyyaa jalqaba torbaanii uduu xoroshoo nyaachu'uuf teenneerru Phaawuloos bariisaa deemu'uuf waan yaadeef isaan woliin qaaqa'aa ture. Haga halkan qixxe'ee qaaqa dheeresse. Mana mana gubba'aa ka itti wol geennee turretti ifa gudda'atu ture. Dargaggeessi Oyixikoos jedhamu tokko foddaa irra taa'ee ture; Hennaa Phaawuloos qaaqa dheeresse waan hirribni isa qabeef mugee mana mana gubba'aa ka sadeesso'oo irraa kufee du'ee reeffa kaasan. Phaawuloos gad bu'ee irratti kufee ammateenii, «Lubbu'uun jiraa hin wocinaa'a» isaaniin jedhe. Bayee xoroshoo cabsee nyaatee haga bari'uuf haga isaan woliin qaaqa'aa tureen maayessa ka'ee deeme. Namoonni dargaggeessa san fayyinaan fudhatanii gara manaa geessanii waan kanaaf guddisanii gammadanii jajjabaatan. Nu ammo Phaawuloosiin simachuun waan nu barbaachisuuf firrifnee gara markabaa deemnee gara Asoonii deemu'uuf kaane; inni lafoo deemuu waan yaadeef akkana nuun jedhe. Asoonitti haga isa argine simannee gara Milixiinii dhufne. Bariisaa lamu'uu achii kaanee garba biraan afoo Kiyyu'uutiin achi geenne; Bariisaa gara Saamoonii ceenee Tiroogiliyooniin bulle; bariisaa gara Milixiinii dhufne. Phaawuloos akka guddisee Isiyaa keessa hin turreef Efesooniin gad dhiisu'uuf waan muratee jiruuf, yoo danda'ameef ayyaana shantameesso'oo Yerusaalemiin keessa oolu'uuf ariifate. Phaawuloos Milixiinii gara Efesoonii namoota ergee manguddoota woldaa kiristaanaa waamsise. Ammallee ani Ayyaana Woyyu'uu ajajamee gara Yerusaalemii deema. Achittillee maaltu akka na irra gayu hin beeku. Haa ta'uu ammo Ayyaanni Woyyuun hidha'aa fi rakkinnatu si eeggata'aara jedhee qachaa marattuu naa raga'aara. Haa ta'uu ammo fiigicha kiyyaaf tajaajila kiyya ka Gooftaa Yesuusiin irraa fudhadhe innillee Dubbii Nagayaa badhaadha Ayyaana Rabbii ragaa isaa haga raawwadhutti lubbuun tiyya na biratti akka hin ulfaanne akka waan duwwa'aatitti laakkaya. Ammallee kunoo ani jeennata Rabbii hima'aa wonti isin jidduu deddeebi'eef isin maruu ammaa achi akka na hin argine hin beeka. Kanaafuu ani dhiiga nama maraa irraa qulqulluu akka ta'e guyyaa adhaa kanatti ragaa isinii baya. Gorsa Rabbii maraa isinitti himeera. Womaa isin jalaa hin hambifanne. Isin uf eeggadhaa'a; woldaa Kiristaanaa ta Rabbi dhiiga ilma ufiitiin bitateellee tissee ta'aa'a. Hoolota Rabbii ta Rabbi akka eeddaniif Ayyaana Woyyu'uun isin muude maraa fi ufillee eegaa'a. Haga ani deemeen maayii worri baniin garaa hin nyaanne yayyiin gar jabeeyyiin akka isin keessa seenan, darasootallee duubatti harkisu'uuf namoonni waan micciiramaa qaaqan isin keessatti akka dhalatan ani hin beeka. Kanaafuu woggaa sadihii halkanii fi guyyaa imimmaaniin isin maraa gorsuu akka addaan hin kunne yaadata'aa jabaadhaa'a. Ammallee Rabbiif akka jabaattan woyyoota maraa jiddu'utti Rabbii ristii akka argattan godhuu danda'uuf dubbii badhaadhummaa isaatitti yaboo isin kenneera. Eennuun irraallee birrii, yookaan worqii, yookaan uffata hin hawwine. Harki kiyya kunniin waan barbaachisu anaa fi worra ana woliin jiraniif akka tajaajileen isinuu hin beettan. Akkanuma dadhaba'aa akka dhibamtoota gargaartan, inninuu ‹ka fudhatu caalaa ka kennutu ka eebbifame› akkuma jedhe, dubbii Gooftaa Yesuusii kana akka qaabattan waan barbaachisuuf maraa isinitti mudhiseera. Kana jedhee jilbiiffatee isaan maraa woliin Rabbiin kadhate. Martinuu guddisanii booyanii morma Phaawuloosiititti rarra'anii dhungata'aa turan. Keessaayyuu «Ammaa achi fuula kiyya hin argitan» waan jedheef, guddisanii gaddanii haga markabaa isa geegessan. Haga isaan biraa gar gar fooyamneen maayessa markabaan gara Qoosii deemne; bariisaa gara Ruudii, achii gara Phaanxoosii qajeelle. Markaba gara Finiqe'ee ceeyu argannee seennee achii kaane. Qophiroosiin bitaa keennatti dhiifnee gara Sooriya'aa deemne; achii gara Xiroosii geenne; markabni waan fe'aa achitti buusuuf darasoota achitti arginee guyyaa torbaa teenne. Isaanillee Phaawuloos gara Yerusaalemii akka hin baane Ayyaana Woyyu'uun kadhatan. Hennaan achi turru dhumannaan baanee deemne; isaan maruu haadha manaatii fi ijoollee ufii woliin haga qacha'aa baanuuf nu geegessanii maddii galaanaatitti jilbiiffannee Rabbiin kadhanne. Kanaan maayessa nagaya wolitti dhaamannee markaba keessa seenne. Isaanillee gara mana ufii deebi'an. Nullee deemsa galaana irraa fixannee Xiroosii gara Pitoolemaasii geenne. Obboleewwan nagaya gaafannee guyyaa tokko isaan bira oolle. Bariisaa baanee gara Qisaariya'aa dhandhe. Mana namoota Dubbii Nagayaa lallaban torban keessaa mana Filiphoosiititti hara baafanne. Inni ijoollee durbaa ta raaga dubbatan afur qaba. Uduu guyyaa hedduu achi teennee jirru, namichi raagu ka Agaaboos jedhamu tokko Yihuudi'ii gad dhufe. Gara keennallee dhufee, sabbata Phaawuloosii fudhatee harkaa fi luka uf hidhee, akkasuma «Ayyaanni Woyyuun abbaan sabbata kanaa Yihuudonni Yerusaalemii akkanatti hidhanii harka worra Yihuudii hin taaneetitti dabarsanii kennaniin» jedhaa'a jedhe. Hennaa kana dhageenne nu'uu fi worri achi jiranillee gara Yerusaalemii akka hin baane kadhanneen. Phaawuloos ammo deebisee, «Booya'aa qalbii tiyya shukulsiisuun keessan maali'i? Ani waan Goofta'aatii fi waan maqaa Yesuusiitiif Yerusaalemitti du'u'uuf qophaayeera; hidhamuu calla'aafii miti» jedhe. Hennaa inni gorsallee fudhachuu dide; «fedhiin Goofta'aa haa ta'u» jennee cadhifne. Guyyaa kanaan maayessa qophoofnee gara Yerusaalemii baane. Darasoota Qisaariyaa jiraatan keessaa gariin ammo nu woliin dhufan. Isaanillee gara hulee bulluu gara mana darasicha Qophiroosii Minaasoon jedhamuu nuun deeman. Haga Yerusaalem geenne obboleewwan gammachu'uun nu simatan. Haga bari'e Phaawuloos gara mana Yaaqoobii seene. Manguddoonni maruu achi dhufan. Haga nagaya gaafateen maayii tajaajila Rabbi isaan jiddu'utti godhe worra Yihuudota hin taanetti tokko tokkoon hime. Isaanillee hennaa dhagayan Rabbiin galatoonfatanii akkana isaan jedhan; «Obboleessa keenna! worri Yihuudota jiddu'utti amananiiran ka laakkobsa hin qabne meeqa akka ta'an arga'aartan; isaan maruu worra seeraaf hinaafan. Ijoolleen isaanii akka hin gadoomne, seeraan akka hin jiraanne, Yihuudonni worra Yihuudota hin taane jidduu jiran maruu akka Muusee ganan akka waan ati barsiiftuu waan kee isaanitti himaniiran. Kanaafuu maal ta'inna? dhufa kee waan dhagayaniif namoonni hedduu wol gayuun isaanii hin hafu; eegasuu ka nu siin jennu kana godhi. Namoota woreega uf irraa qaban arfan nu bira jiran kanniin qabadhuu isaan woliin qulqullaayi. Rifeensa isaanii akka haadatan birrii kenniif; isaan maruu waan kee ka dhagayan duwwaa akka ta'e, atillee akkasuma nama seera eega'aa jiraatu akka taate hin beekan. Worra Yihuudii hin taane nyaata waaqolee tolfama'aaf ciincaa godhanii dhiyeessan, dhiigaa fi horii ufiin du'e akka hin nyaanne, akkasuma seebaru'uun battaayuu irraa akka uf eegan murteessinee isaanii barreessineerra. Hennaa san Phaawuloos namoota qabatee deeme; bariisaa isaan woliin seera qulqullaayu'uu raawwate; achii seerri qulqullaayu'uu yoom akka raawwatuu fi ciincaan isaan maraatuu yoom akka dhiyaatu beessisu'uuf gara mana woyyu'uu seene. Hennaa guyyaan torbaa raawwatamu'uuf dhiyaatu, Yihuudonni Isiyaa irraa dhufan waan Phaawuloosiin mana woyyuu keessatti arganiif banii maraa itti kakkaasanii qabsiisan. «Namoota Israa'elii! nu gargaaraa'a! Namichi hulee gaye maratti banii keennaa fi seera keenna, akkasuma hulee tanallee akka jibban taasisa'aa namoota barsiisu kana. Namoota Giriikotaallee akkasuma gara mana woyyu'uu seensisee hulee woyyuu kana batteesseera» jedha'aa harkaan dhaya'aa iyya'aa tumaniin. Wonti kana jedhaniif waan Phaawuloos namicha Efesoonii ka Xiroofimoos jedhamu woliin hennaa qachaa seenu arganiif Phaawuloos isa mana Woyyumma'aa waan seensise seeyaniiti. Qachaan maruu booroftee baniin maruu wol gayee, Phaawuloosiin qabanii mana woyyuu keessaa gara diidaa isa harkisan; yoma san balballi cufame. Hennaa isaan ajjeesu'uuf barbaadan, oduun «Yerusaalem guddiftee boorofteerti» jedhu gara ajajaa loltuu kumaa gaye. Innillee hennama san loltoota ajajaa dhibbaa woliin qabatee fiiga'aa gara isaanii dhaqe; isaanillee hennaa ajajaa loltoota kumaa argan Phaawuloosiin tumuu dhiisan. Hennaa san ajajaan loltuu kumaa itti dhufee qabee haada sibiilaa lamaan akka hidhamu ajajee, «Inni eennuun akka ta'ee fi maal akka godhe» gaafate. Baniin gariin akkanaa fi akkas jedhanii iyya'aa turan; hennaa woca isaaniitiin waan dhugaa ta'e beekuu dadhabe gara loltootaa akka gara gandaa isa fidan ajaje. Sababaa baay'inna bani'iitiif Phaawuloos yoo gara balbala bayaniin bira gayu loltoonni isa baadhatanii deemaniin. Baniin duubaan deemu, «Balleessiin!» jedha'aa woca'aa turan. Hennaa gara gandaa isa dhiyeessan Phaawuloos ajajaa loltuu kumaatiin, «Waan tokko akka sitti himu naa eeyyamtaa?» jedhe. Innillee, «Afaan Giriikii hin beettaa? jedheen. Ati nama Misirii ka kanaan dura worra lubbuu ajjeesan namoota kuma afurii akka shiftan gootee gammoojji'itti baafte» jedheen. Phaawuloos ammo, «Ani nama Yihuudi'ii ka qachaa beekkamtuu Xeersiis jedhamtu ta Kiliqiiyaa keessa jirtuuti; akka bani'itti dubbadhu na hoffolchi» jedheen. Phaawuloos haga ajajaan loltootaa eeyyameef gooba irra dhaabatanii dubbatan irra dhaabatee, harkaan gara bani'ii akeekee, haga baniin cadhise afaan Ibraayisxiitiin akkana jedhee dubbate. «Isin obboleewwanii fi abboonni! amma yoo yaada kiyya isinii ibsu na dhagayaa'a!» Hennaa inni afaan Ibraayisxiitiin dubbatu dhageennaan ka duraa caalaa cadhisan. Inni akkana jedhe, «Ani nama gosa Yihuudi'ii qachaa Xerseesii ta Kiliqiyaa keessatti argamtuuti; ka itti guddadhe ammo qachaa Yerusaalemii tanatti. Barsiisaan kiyya Gamaaliyaali; seera abbootaa midhaassee baradhee akkuma isin adha gootan kana, Rabbiin Ayyaana isaatiin isaa hojjachu'uuf hinaafa'aa ture. Dhiiraa fi dubartootallee qabee dabarsee gara mana hidha'aa kenna'aatti worra amantaa kana hordofan ajjeesu'uuf ari'a'aa ture. Akkasuma bulchaan gadootaatii fi manguddoonni maruu ragaa naa bayan. Isaan irraallee akkasuma dhaamsa obboleewwanii fuudhee worra Damaasqoo jiranillee akkasuma hidhamanii akka adabaman gara Yerusaalemii fidu'uuf deema'aa ture. Hennaa Damaasqo'otti dhiyaadhe yoo guyyaa wodhakkaa ta'u dimmaa sami'ii ifti guddaan naannoo kiyyatti ife. Hennaa san ani hin kufe; laagaa, ‹Saa'ol! Saa'ol! maaf na ariita?› jedhu dhagaye. Anillee deebisee, ‹Gooftaa kiyya! Ati eennu?› jedheen. Innillee, ‹Ani Yesuusii Naazireeti'ii ka ati ariitu san› naan jedhe. Worri na woliin jiran ifa arganii sodaatan; haa ta'uu ammo isaan laagaa inni natti dubbatu hin dhageenne. ‹Gooftaa kiyya! Maal godhuu?› jedheen. Gooftaanillee, ‹Ka'iitii gara Damaasqo'oo deemi; waan gootu maraa achitti sitti himanii› naan jedhe. Achitti sababaa ifnii guddisee itti ifeef arguu dhabnaan namoonni na woliin jiran harka kiyya qabanii na masakka'aa gara Damaasqo'oo gaye. Achi namichi Hannaaniyaa jedhamu na gargaaru'uuf gara kiyya dhufe; inni nama seera sirri'itti eeguu fi Yihuudota achi jiraatan maraa biratti kabajjamaa ture. Inni na bira dhaabatee, ‹Obboleessa kiyya Saa'ol! ijji tee sii haa argitu!› naan jedhe. Anillee hennaa san isa arge. Inni akkana naan jedhe, ‹Waaqa abbootaa akka fedha isaa beettuuf, akka qajeellummaa argituuf akka afaan isaatii dubbii dhageettuuf, durumaa si filateera. Waan argitee fi waan dhageette nama maraa afo'otti ragaa taataaf. Eegasuu amma maaf turta? dafii ka'iitii maqaa isaa waama'aa cuuphami, cubbuu keellee dhiqadhu.› «Haga gara Yerusaalemii deebi'een maayii mana woyyuu Rabbii keessatti uduu Rabbiin kadhadhu yaada Hafuuraa keessa gale. Uduu Gooftaan natti dubbatu arge; Inni, ‹Ammuma ariiti'iin ragaa kee waan hin fudhanneef dafii Yerusaalemiin keessaa bayi› naan jedhe. Ani akkana jedheen, ‹Gooftaa kiyya! ani namoota sitti amanan hidhu'uuf tuma'aa mana sagada Yihuudotaa irra akka naannaya'aa ture namoonni keenniin hin beekan; Akkasuma dhiiga Isxifaanosii woreegamaa keetii hennaa jissan, waan isaan hojjataniin wolii galee achuma dhaabadhee uffata worra isa ajjeesanii eega'aa ture.› Innillee ‹deemi ani gara worra Yihuudii hin taanee ka biyya fago'oo si ergaa› naan jedhe.» Haga sagalee kana maraa dhagaya'aa turaniin maayessa ammo qoonqa isaanii ol qabatanii, «Nama akkanaa kana lafa irraa balleessi! Inni lubbu'uun hin jiraatin!» jedhan. Iyyanii uffata ufii mulqatanii daddarbanii daaraa ol facaasan. Ajajaan loltoota kumaa gara gandaa akka isa galchan ajaje; baniin maaf akka isatti iyya'aaru, tuma'aa gaafadhaa'a» jedhee isaan ajaje. Teephaan duudhatanii hennaa Phaawuloosiin hidhan ajajaan loltuu dhibbaa ka isa bira dhaabateeruun, «Nama Rooma'aa murtii malee akka tumtan isinii eeyyamameeraa?» jedheen. Ajajaan loltuu dhibbaallee hennaa dhagaye gara ajajaa loltuu kumaa dhiyaatee, «Namni kun nama Rooma'aa waan ta'eef waan godha'aartu irraa uf eegi» jedhee itti hime. Ajajaan loltuu kumaallee itti dhiyaatee, «Ati nama Rooma'aa tii? Natti himi» jedheen. Innillee, «Ee» jedheen. Ajajaan loltuu kumaallee deebisee, «Ani lammummaa kana birrii hedduun argadhe» jedhe. Phaawuloos, «Ani ammo isii keessatti dhaladhe» jedheen. Kanaaf worri isa qorachuu yaadan yoosuu isa irraa siiqan. Ajajaan loltuu kumaallee akkasuma hennaa akka inni nama Rooma'aa ta'e beeke waan hiisiseeniif hin sodaate. Gaafa lamu'uu sababaa Yihuudonni himataniif maal akka ta'e dhugaa beekuu barbaadee hiikeenii bulchoota gadootaatii fi gumiin maruu akka wol gayan ajajee Phaawuloosiin gad buusee isaan afoo dhaabsise. Phaawuloos yaa'ii murti'ii guuttatee laalee, «Obboleewwan tiyya! Ani haga guyyaa adhaa sammuu misha'aan Rabbiin afoo jiraata'aara» jedhe. Hannaaniyaan bulchaa gadootaallee afaan keessa akka dhayan worra isa bira dhaabataniiran ajaje. Hennaa san Phaawuloos, «Ati bada ka mana nooraa adi'iin dibame fakkaatu! Rabbi si dhaya! Ati seeraan natti murteessu'uuf achi teetteerta; ufii ammo seera malee akka na dhayaniif ajajjaa?» jedheen. Worri Phaawuloosiin bira dhaabataniiran, «Ati gadicha hayyicha Rabbii arrabsitaa?» jedhaniin. Phaawuloosillee, «Obboleewwan tiyya! ‹Gadicha hayyicha akka ta'e waan hin beenneef bulchaa ummataa irratti waan hamaa hin dubbatin› jedhamee dubbii Rabbii keessatti barreeffameera» isaaniin jedhe. Phaawuloos ammo gariin isaanii Saduuqoota; gariin ammo Fariisota ta'uu isaanii waan beekeef, «Obboleewwan tiyya! ani nama Fariisii ilma Fariisichaati; waan abdii worra du'anii ka'aniitiif natti murteessan» jedhee yaa'ii murti'ii keessatti iyye. Hennaa inni waan kana jedhe Fariisotaa fi Saduuqoota jiddu'utti lolli ka'e; yaa'iin murti'iillee adda fooyame. Saduuqoonni, worra «Du'aa ka'iitiin, maleekkonni yookaan ayyaannillee hin jiru jedhan waan ta'aniif Fariisonni ammo lamaanuu hin amanan.» Hennaa kana guddisanii iyyan; worri gosa Fariisotaa barreessitoonni Seera Muuse'ee ka'anii, «Nama kana irratti waan hamaa womaa hin argine! Ayyaanni yookaan maleekkaan itti dubbatee jiraatinnaa!» jedhanii wol morman. Hennaa lolli guddaan ka'e ajajaan loltuu kumaa Phaawuloosiin akka hin caccabsine sodaatee loltoonni bu'anii jiddu'uu akka isa fuudhan gara ganda loltootaa akka galaniin ajaje. Halkan lammeesso'oo Gooftaan maddii isaa dhaabatee, «Phaawuloosii kiyya! Yerusaalemitti waan kiyyaaf akka ragaa baate, akkasuma Rooma'attillee akka ragaa baatu hin barbaachisaa jabaadhu» jedheen. Haga bari'e Yihuudonni wol gayan Phaawuloosiin haga ajjeesanitti akka hin nyaannee fi akka hin dhunne wolii kakatan. Namoonni seera wolii galte'ee kana godhan afurtamaa ol ta'an. Isaanillee gara bulchoota gadootaatii fi gara manguddootaa dhufanii, «Phaawuloosiin haga ajjeefnutti womaa akka hin tundhe jabeessinee wolii kakanneerra. Eegasuu isin amma gumii woliin taatanii akka waan isa jabeessitanii qorattanii fakkaadha'aatii akka gara keessan gad buusu ajajaa loltuu kumaatitti iyyadhaa'a; nullee uduu hin dhiyaatin ajjeesu'uuf qophoofneerraa» isaaniin jedhan. Ilmi obboleettii Phaawuloosii ammo hennaa dhara isaanii dhagaye dhufee gara ganda loltootaa seenee Phaawuloositti hime. Phaawuloosillee ajajaa loltuu dhibbaa keessa tokko waamee, «Mucaa kana gara ajajaa loltuu kumaa geessi waan isatti himu qabaa» jedheen. Innillee fuudhe gara ajajaa loltuu kumaa geesse, «Mucaan kun waan sitti himu waan qabuuf Phaawuloosii hidhameerutuu waamee gara kee akka fidu na kadhatee natti kenne» jedheen. Ajajaan loltuu kumaa harka qabee achiin siiqee hojja isaatitti, «Waan natti himtu qabdaa?» jedhee gaafateen. Innillee, «Yihuudonni waan Phaawuloosii haga duraanii irra jabeessitee akka waan qoratuu fakkaattee boru gara yaa'ii murti'ii akka baaftu si kadhachu'uuf wolii galaniiran. Eegasuu ati maarre hin jedhin; haga isa ajjeesaniif akka hin nyaannee fi akka hin dhunne wolii kakataniiranii; isaan keessaa namoonni afurtamaa olii dhara dhayanii, ammallee qophaayaanii deebii kee eeggata'aaran» jedheen. Ajajaan loltuu kumaa, «Waan kana natti himuu kee eennuttillee hin himin» jedhee itti seeree mucaa geegesse. Ajajoota loltuu dhibbaa keessaa lamaan waamee, «Gara Qisaariya'aa akka deeman loltuu dhibba lamaa, worra faradoo torbaatamaatii fi loltuu dhibba lamaa, worra eboo lolaa qaban halkan keessa sa'aatii sadihitti qopheessaa'a» isaaniin jedhe. Phaawuloosiin gara bulchaa biyyaa gara Filiksii nagayaan akka isa geessaniif farda yaabbisanillee akka qopheessan isaan ajaje. Xalayaa akkana jedhullee barreesse; «Qelaawudewoos Luusiyoosiin irraa bulchaa kabajjamaa Filiksiitiif nageenni siif haa ta'u! Nama kana Yihuudonni qabanii ajjeesu'uuf hennaa yaadan akka nama Rooma'aa ta'e waan beekeef loltoota woliin dhaqqabee isa hambiseen. Sababaa himatameef beekuu yaadee gara yaa'ii murti'ii baaseen. Waan seera isaanii mormeef akka isa himatan arge malee waan ajjeechaa yookaan hidha'aaf isa geessuu miti. Nama kana Yihuudonni akka itti muratan hennaa natti himan, yoma san gara kee erge himattootallee ammo afoo keetitti akka himatan ajajeera» nagayaan taa'i. Loltoonnillee akkuma ajajaman Phaawuloosiin qabanii halkaniin gara Antiphaaxirisii geessaniin. Bariisaa akka worri fardaa isa woliin deemu godhanii isaan gara gandaa deebi'an. Isaanillee gara Qisaariya'aa seenanii xalayaa bulchaa biyyaatitti kennanii, Phaawuloosiin afoo isaa dhaabsisaniin. Haga dubbiseen maayii godina kamiin keessaa akka ta'e gaafateen; nama Kiliqiya'aa ta'uu isaa haga beeke, «Worri si himatan yoo dhufan hennaa san si dhagaya» jedhee dallawa Heroodisii keessatti akka isa eegan godhe. Guyyaa shaniin maayii gadichi hayyichi Hannaaniyaan manguddootaa fi beekaa seeraa ka Xarxaluus jedhamu tokko woliin gad dhufee isaan waan Phaawuloosii bulchaa biyyaatitti iyyatan. Hennaa waamame Xarxaluus akkana jedhee isa himachuu jalqabe. «Kabajjamaa Filiksi! waan karaa keetiin nagaya guddaa argannuuf, banii kanaafillee yaada keetii fi dubbii keetiin biyya maraaf bakka marattillee wonti mishaan waan ta'uuf galata guutu'uun fudhanna. Haa ta'uu ammo kana caalaa guddisee si hin tursiisu; hennama diqqoo gara laafumma'aan akka nu dhageettu si kadhadha. Namni kun akka dhibe'ee ta'ee Yihuudota adunyaa irra jiran maraa booreessa'aa, worra barumsa sobaa barsiisaniif gosa worra filatameetiif masakkaa ta'ee waan argineef. Hennaa mana woyyuu xureessu'uuf yaalu qabneen; [akka seera keennaatitti itti murteessuu yaannee turre. Haa ta'uu ammo Luusiyoos ajajaan loltuu kumaa dhufee hunnaan nu harkaa fudhate. Worra isa himatanillee akka gara kee dhufan ajaje.] Atuu isa qorattee waan nu isa himannu maraa beekuu dandeetta. Yihuudonnillee ammo, «wonti kun akkasuma» jedhanii wolii galan. Bulchaan ijaan dhoofnaan Phaawuloos akkana jedhe, «Ati bara dheera'aaf banii kanaa ka murtii kennu akka taate waan beekuuf gammada'aa waan naan jedhan kanaa deebii deebifadha. Sagadu'uuf gara Yerusaalemii haga baye guyyaa kudha lamaa akka ta'e atuu beekuu dandeetta. Nama tokkollee yookaan ummata wolitti qabee mana woyyu'utitti, mana sagada Yihuudotaatii fi qacha'attillee na hin argine. Ammallee waan na himataniif sitti himuu hin danda'an. Haa ta'uu ammo waan kana ragaa sii baya; waan seera keessa jiru ka raattotaan barreeffame maraa amanee ka isaan barumsa ‹Dogoggoraati› jedhanii waaman maqaa Waaqa abboota kiyyaa waaqeffatan. Worri qajeelaanii fi ka qajeelaa hin taanellee akka du'aa ka'an akkuma isaan Rabbiin abdatan; anillee Rabbiin irraa abdii qaba. Ani ammo kanaaf Rabbii fi nama afo'otti hennaa maraa ka mudaa hin qabne, sammuu qulqullaayaa akka qabaadhuuf jabaadha. Woggaa hedduun maayii banii kiyyaa kenna'aa fi ciincaa godhu'uuf dhufe. Uduu kana godha'aa jiru, baniin uduu wol hin geenne, uduu hin shibbiroofne, mana woyyuu keessatti uduu qulqullaaya'aaru na argan. Haa ta'uu ammo Yihuudonni gariin waan na himataniin waan qabaniif Isiya'aa dhufaniiran. Wodhakkaa isaanii dhaabadhee laagaa ol qabadhee, ‹Worri du'an hin ka'an› waan jedheef adha murtii yaa'i'ii afoo dhaabadhe; waan hamaa tokko yoo na irratti arganiiran ta'e, mee isaan kunniin haa dubbatanii.» Filiksi ammo dubbii isaanii sirri'itti waan beekeef hennaa ajajaan loltuu kumaa Luusiyoos gad dhufe dubbii teessanii murtee kenna jedhee haagana'aan tursiise. Achiin maayessa inni ajajaa loltuu dhibbaa ka Phaawuloosiin eeguun, «Eeddoo itti furi; worri firaallee hennaa waan isa barbaachisu fidaniif yookaan yoo gara isaa dhufan isa irraa hin dhooggin» jedhee ajaje. Guyyaa hago'oon maayessa Filiksi haadha manaa ufii ta Diruusillaa jedhamtu ta gosa Yihuudi'ii woliin dhufee Phaawuloosiin waamsisee waan Yesuus Kiristoositti amanu'uu hennaa Phaawuloos dubbatu dhagaye. Inni uduu waan qulqullinnaa, waan mataa ufii tooyatu'uu, waan murtii dhufu'uuf jiruu dubbata'aaru Filiksi sodaatee, «Amma deemi; hennaa naa tole ergee si waamsisaa» jedhee deebise. Filiksi Phaawuloosiin irraa birrii fudhatee hennama san hiiku'uunii waan barbaadeef hennaa hedduu isa waamsisa'aa qaassa'aanii ture. Woggaa lamaan maayii Phorikiyoos Fisxoos bakka Filiksii bulchaa ta'e. Filiksi Yihuudota gammachiisu'uuf jedhee Phaawuloosiin hidhaa keessatti dhiise. Fisxoosillee gara godinaa seenee guyyaa sadihiin maayii Qisaariya'aa gara Yerusaalemii baye. Manguddoonni gadootaatii fi bulchoonni Yihuudotaa Phaawuloosiin himatan. Isaan karaa irratti riphanii Phaawuloosiin ajjeesu'uuf waan malataniif akka inni isaan gargaaree isa Yerusaalemitti ergu Fisxoosiin kadhatan. Fisxoos ammo, «Phaawuloos Qisaariya'atti akka eeganiin, innillee akka dafee achii deemu deebisee isaanitti hime. Eegasuu yoo namni kun dhara qabaate isin keessaa worri baallii qaban ana woliin bu'anii haa himataniinii» isaaniin jedhe. Isaan bira guyyaa saddeetii yookaan kudhan taa'ee gara Qisaariya'aa gad bu'e. Bariisaa dhaddacha murti'ii irra taa'ee Phaawuloosiin akka fidan ajaje. Hennaa dhiyaate worri Yerusaalemii gad bu'an, Yihuudonni marsaniinii dhaabatanii waan ittiin injifachuu hin dandeenne himannaa gudda'aa fi ulfaataa irratti kaasan. Phaawuloos hennaa falmatu, «Seera Yihuudotaa, mana woyyu'uutii fi Qeesaariinillee yoo ta'e waan tokko hin yakkine» jedhe. Fisxoos ammo Yihuudota gammachiisuu barbaadee Phaawuloosiin, «Gara Yerusaalemii deemtee waan kanaaf afoo kiyyatti akka sii murtaayu feetaa?» jedhee deebiseef. Phaawuloos ammo, «Ammumaa ani hulee murtee itti argadhu teessoo murtee Qeesaarii afoo dhaabadheera. Akkuma attillee sirri'itti beettu ani Yihuudota womaa hin yakkine. Eeganaa yoo yakkee yookaan waan nama ajjeesisu godhee jiraadhe du'a jalaa oola hin jedhu. Yoo himannaan na himatan kun duwwaa ta'e ammo, isaanitti dabarsee ka na kennuu danda'u eennullee hin jiru; gara Qeesaarii iyyadheera» jedhe. Hennaa san Fisxoos worra isa gorsu woliin mari'atee, «Gara Qeesaarii waan ol iyyatteertuuf gara Qeesaarii deemta» jedhee deebiseef. Guyyaa hago'oon maayessa mootichi Agriipha'aa fi Barniiqeen Fiisxoosiin nagaya gaafachu'uuf gara Qisaariya'aa gad bu'an. Guyyaa hedduu waan achi taa'aniif Fiisxoos waan Phaawuloosii mootichatti akkana jedhee ibseef, «Namichi Filiksi hidhee gad dhiisee deeme tokko asi jira. Uduu ani Yerusaalemiin jiru, bulchoota gadootaatii fi manguddoonni Yihuudotaa akka isatti murteessu kadhata'aa waan isaa natti himatan. Anillee, ‹Uduu himatamaan afoo himattootaa hin dhaabatin, waan itti himatameef deebii akka kennu carraa uduu hin argatin eennuunillee dabarsanii kennuun seera Rooma'aatii miti› jedhee isaanii deebise. Kanaaf hennaa asitti wol gayan ani uduu hin turin gaafa lamu'uu dhaddacha murte'ee irra taa'ee akka nama san fidan ajaje. Worri isa himatullee hennaa dhaabatan, himannaa hamaa ani yaade woyiituu hin himanne. Haa ta'uu ammo waan amantii ufiitii fi waan Phaawuloos ‹jiraata'a› jedhu waan du'aa ka'uu Yesuusii irratti isaan wol morma'aa turan. Anillee dubbii tana attamitti akka qoradhu mamee ‹gara Yerusaalemii deemtee dubbii kana achitti falmachuu barbaaddaa?› jedheen. Phaawuloos ammo haga Awugisxoos Qeesaar murteessutti akka eeggatu ol iyyannoo hennaa inni jedhe haga gara Qeesaarii erguuf akka eeggatu ajajeen.» Agriiphaanillee Fiisxoosiin, «Nama san ani deebi'ee dhagayuu barbaada» jedheen. Innillee, «Boru dhageettaan» jedheen. Bariisaa Agriipha'aa fi Barniiqeen gaachena gudda'aan dhufanii ajajaa loltuu kumaatii fi hangaftoota qacha'aa woliin gara mana murte'ee seenan. Fiisxoos ajanyaan Phaawuloosiin fidan. Fiisxoosillee akkana jedhe, «Mootii Agriiphaa'a! isinillee namoonni nu woliin jirtan maruu! ‹namichi isin argitan kun ammaa achi lubbu'uun jiraatuun isa hin barbachisu› jedha'aa baniin Yihuudotaa maruu Yerusaalemii fi asittillee natti iyyataniiran. Ani ammo waan isa ajjeesisaa akka godhee hin jirre hubadheera. Innillee gara Awugisxoos waan iyyateef isa erguu murteesse. Waan isaa gara gooftaa kiyya waan barreessu waan qabatamaa hin qabu. Kanaafuu haga qoratameen maayii waan barreessu akka argadhuuf afoo keessanitti mootii Agriiphaa'a! keessattuu afoo kee isa dhiyeesse. Hidhamaan yoo ergamu sababaa himatameef qulqulleessanii erguu dhabuun waan gowwummaa natti fakkaatuuf.» Agriiphaan Phaawuloosiin, «Waan kee akka dubbattu si hoffolchineerra» jedheen. Hennaa san Phaawuloos harka ufii hiixatee akkana jedhe. Duruma irraa jalqabee banii kiyya jiddu'utti waan Yerusaalemitti ta'e, «Daa'imummaa kiyya irraa jalqabee jireenna jiraadhe Yihuudonni maruu hin beekan. Isaan yoo naaf ragaa bayuu barbaadan akka worra jabeessanii amantii cimsanii, worra maraa caalaa seera eegu'uun jabaate keessaa nama gosa Faarisii ta'ee akka jiraadhe dur irraa jalqabanii na beekan. Ammallee Rabbiin biraa waan dubbii abdi'ii ka abboota teennaa kennameetiif falmatu'uuf dhaabadheera. Gara dubbii abdi qabeessa kanaa worri keenna kudha lamman halkanii fi guyyaa jabaatanii waaqeffata'aa akka bira gayaniif hedannoo qaban; mootii Agriiphaa'a! ani waan hedannoo kanaatiif Yihuudotaan himatame. Rabbi worra du'an akka kaasu maaf isin biratti waan hin amanamne ta'ee laakkayama? «Anuu maqaa Yesuusii nama Naazireetii kana mormuun kiyya, waan guddaa godhuu na barbaachisu woyii waan godhe natti fakkaata'aa ture. Kanallee akkasuma Yerusaalemitti godhe. Bulchoota gadootaa irraa baallii fudhadhee, ani namoota woyyuu heddu isaanii hiisisee hennaa ajjeesanillee worra ajjeesuun wolii gale. Mana sagadaa marattuu hennaa hedduu akka isaan arrabsan namoota jajjabessa'aa ture. Hennaa guddisee isaaniin lolu haga qacha'aan alaatii fi haga biyyaan alaa isaan ari'a'aa ture. «Waan kanaaf bulchoota gadootaa irraa ajajaa fi baallii fudhadhee gara Damaasqo'oo uduu deema'aaru, Mootii kiyya! karaa irratti guyyaa wodhakkaa yoo ta'u naannoo kiyyaa fi naannoo worra na woliin deemaniitittillee ifti ifa adu'uutii ol ta'e samii irraa hennaa ifu arge. Nu maruu hennaa lafatti gad kufne laagaa, ‹Saa'ol! Saa'ol! maaf na ariita? Yoo arfii sibiilaa kana mormite sitti jabaata› jedhu afaan Ibraayisxiitiin hennaa natti dubbatu dhagaye. Anillee, ‹Gooftaa kiyya! Ati eennu?› jedheen. Inni akkana naan jedhe, ‹Ani Yesuusii ati ariitu. Ka'ii dhaabadhu; kanaafuu akka itti na argitee fi waan argite saniif tajaajila'aa fi raga bayaa akka taatu si muudu'uuf jedhee waan sitti mudhadheef. Dhiifamsa cubbu'uutiif anatti amanu'uun worra qulqullaayan jiddu'utti ristii akka argataniif. Dukkanaa gara ifaa, baallii seexanaa keessaa gara Rabbii akka deebi'an ija isaanii akka bantuuf banii itti si ergu worra Yihuudota hin taane jalaallee si oolcha.› «Mootii Agriiphaa'a! ani waan manaaba sami'ii natti mudhate kana hin dinne. Haa ta'uu ammo duraan dursee worra Damaasqoo jiran, Yerusaalemittillee biyya Yihuudotaa maratti, worri Yihuudii hin taanellee akka aagii galaniif akka waan aagii galuun isaan barbaachisu irraa aagii galanii gara Rabbii deebi'aniif dubbadhe. Kanaafuu Yihuudonni mana woyyuu keessatti qabanii na ajjeesu'uuf yaalii godhan. Rabbiin biraa gargaarsa argadhee diqqa'aa fi gudda'aa raga'aa haga guyyaa adhaa dhaabadheera. Raattonninii fi Muuseen waan ta'u'uuf ta'u, ‹Kiristoosiin irra akka rakkinni gayu, du'aa ka'uun worra du'anii banii isaatiif ifa worra Yihuudii hin taaneef› jedhanii ka hennaa durii isaan himan san malee waan biraa wonti ani dubbadhe tokkollee hin jiru» jedhe. Phaawuloos akkana jedhee waan ufii yoo deebisu Fiisxoos laagaa gudda'aan, «Phaawuloos! ati maraatteertaa bee; guddiftee baratuun kee gara maraattumma'aa si deebisa'aara!» jedheen. Phaawuloos ammo akkana jedhee deebiseef, «Kabajjamaa Fiisxoos! Ani qalbii qaba; waan dhuga'aa dubbadha malee hin maraanne. Mootiin ammo waan ani isa afo'otti addaataa dubbadhe kana hin beeka. Waan kana keessaa wonti tokkollee akka jalaa hin dhokanne waan hubadheef kun waan dhossa'atti godhame waan hin taaneef. Mootii Agriiphaa'a! Raattota hin amantaa? Akka amantu hin beeka» jedhe. Agriiphaan Phaawuloosiin, «Akkuma salpha'atti Kiristaana na taasisuu barbaaddaa?» jedheen. Phaawuloos, «Hennaa diqqoo keessatti yookaan hennaa dheeraa keessatti si callaa uduu hin taane worri adha na dhagayan maruu hidhaa kiyya kana malee akka kiyya akka ta'an Rabbiin isaanii kadhadha» jedheen. Mootiin bulchaan biyyaa Barniiqeenillee worri isaan woliin taa'aniiran maruu bakka jiranii ka'anii achi siiqanii, «Namni kun waan isa ajjeesisu dhiisa'aa waan isa hiisisuu tokkollee hin goone» jedha'aa woliin qaaqan. Agriiphaan Fiisxoosiin, «Namni kun bee, ‹Gara Qeesaarii uduu ol iyyachuu dhabaatee› silaa hiikuun hin danda'ama» jedheen. Haga gara Ixaaliya'aa markabaan akka deemnu murtaaye, Phaawuloosii fi worri hidhaa keessaa ka biraallee kutaa woraana Awugisxoosii keessatti ajajaa loltuu dhibbaa ka Yuuliwoos jedhamutti dabarsanii isaan kennan. Markaba gara Adiraamixiisii daangaa Isiya'aatiin deemu'uuf ta'u keessa seennee achii kaane. Namichi Maqedooniya'aa Arixirokoosiin Tasolonqe'eellee nu woliin ture. Bariisaa yoo gara Siidoona'aa geennu Yuuliyoos Phaawuloosiif garaa laafee akka inni gara firtoota ufii dhaqee waan isa barbaachisu akka isaa fidaniif hoffolcheen. Achii kaanee waan bubbeen afoo keennaan turteef Qophiroositti daadayannee deemne. Haga galaana Kiliqiya'aa fi Phinfiliyaa bira jiru ceeneen maayessa gara muraa Luuqiyaa keessa jiruu geenne. Ajajaan loltuu dhibbaa markaba Iskindiriya'aa dhuftee gara Ixaaliya'aa deemtu argee isii nu yaabbise. Guyyaa hedduu suuta jedha'aa deemnee rakkinnaan gara kolba Qeendoosii geenne. Bubbeen waan nu dhooggeef Qerxeesitti daadayannee kolba Seelmuna'aatiin deemne. Rakkinnaan qaccee irra lufnee gara qachaa michuu jedhamtuu ta qachaa Lalisiya'aatitti dhiyaattutti dhufne. Hennaa dheera'aan maayessa hennaan soomaa amma waan lufeeruuf markabaan deemuun waan nama sodaachisuuf, Phaawuloos akkana jedhee isaan seere, «Namoota nana! deemsa kana keessa miidha'aa fi badiin guddaan akka ta'u arga'aara; badiinillee jireenna mataa keennaa callaa uduu hin ta'in, fe'a'aa fi markaba irratti.» Ajajaan loltuu dhibbaa ammo ka Phaawuloos dubbate caalaa ka markaba oofuu fi abbaa markabaa amana ture. Buufata san irra turuun waan isaanii hin tolleef garri caalaan yoo isaanii danda'ame dhiya irraa kibba dhiyaatii fi kaaba dhiyaatitti gara galanii gara kolba Finiqee jedhamtuutiin gara buufata Qarxeesii gayanii achi turanii achii ka'u'uuf mari'atan. Hennaa qilleensi haphiin kibbaa bubbise akka yaada isaanii waan ta'e isaanitti fakkaatee ka'anii qaccee Qarxeesiitiin lufan. Haa ta'uu ammo uduu guddaa hin turin dambaliin Awuraaqis jedhamu achitti markaba isaaniititti bu'e. Markabnillee fudhatamee bubbee injifatee deemuu waan hin dandeenneef gad dhiifnee oofamne. Hulee bisaaniin marfamte ta Qeedaa jedhamtutti daadayannee markabattii hunnaan tooyanne. Haga gara goobaa baasaniin maayii markaba haadaan hidhanii jabeessanii gara hulee xindhacha sirtiis jedhamtuu akka hin kufne sharaa buusanii qilleensaan oofaman. Bubbeenillee jabaatee nu dhiphifnaan bariisaa lamu'uu fe'aa irraa gara galaanaa darban. Guyyaa sadeesso'oo meeshaa markaba keessaa harka keennaan daddarbine. Guyyaa heddu uduu adu'uu fi addeessa hin argine hennaa bubbeen guddisee nutti jabaatu sirimaa abdiin hin hafna jedhu maruu nu keessaa dhumate. Uduu hin nyaatin guyyaa heddu haga turaniin maayii, Phaawuloos jidduu isaanii dhaabatee akkana jedhe, «isin namoota nana! uduu na dhageettaniirtan ta'ee Qarxeesii kaatanii rakkoon kun martii silaa isin irra hin gayu ture. Ammallee jabaadhaa'a jedhee isin gorsa. Markaba kana malee isin keessaa lubbuun tokkollee hin baddu. Halkan edaa Maleekkaan Waaqaa ka ani ka isaa ta'ee fi ka ani waaqeffadhuu na bira dhaabatee, ‹Phaawuloos! hin sodaatin! Qeesaariin afoo hin dhaabatta. Rabbi kunoo namoota si woliin deeman maraa sii kenneeraa› naan jedhe. Kanaafuu isin namoota kiyya jabaadhaa'a; akkuma natti dubbate akkasuma akka ta'u Rabbiin waan amanuuf. Haa ta'uu ammo gara lafa bisaaniin marfamtee gayuu nu barbaachisa. Halkan kudha arfeesso'ootitti galaana Adriiya'aatitti hennaa garanaa fi garas oofamnu worri markaba oofan halkan qixxee gara lafa woyii waan dhiyaatan isaanitti fakkaate. Haada bikkanii yoo gad dhiisan akka hojjaa namaatiin diddama akka ta'e arganii, diqqoo turanii lammeessoo yoo darban hojjaa namaatiin kudha shan akka ta'e argan. Gara hulee dhagaa qabuu akka hin kufne sodaatanii markaba duubaan sibiila ulfaataa gad buusanii uduu guyyaa ta'ee jedhanii hawwan. Worri markaba oofan markaba keessaa dheessuu barbaadanii sibiila ulfaataa markaba afo'oon gad buusanii isa irraan yabala gara galaanaa hennaa buusan, Phaawuloos ajajaa loltuu dhibbaatii fi loltootaan, «Kunniin markaba keessa yoo hin turre, isin hafuu hin dandeettan» isaaniin jedhe. Hennaa san loltoonni haada yabalatti'ii muranii akka kuftu gad dhiisan. Hennaa lafti bari'e Phaawuloos akka hurbaata nyaatan isaan maraa kadhata'aa ture. Akkana isaaniin jedhe, «uduu eeddan uduu hin nyaatin qooqa haga teettan adhi guyyaa kudha arfeesso'o. Kanaafuu akka hurbaata nyaattan isin kadhadha; kunillee akka jiraattaniif isinii ta'a; isin keessaa rifeensi mataa nama tokkollee hin badu.» Kana jedhee buddeenallee fuudhee isaan maraa afo'otti Rabbiin galatoonfatee kutatee nyaatuu jalqabe. Maruu jajjabaatanii ufumaa hurbaata fudhatanii nyaatan. Namoonni markaba keessa jiran nama dhibba lamaa fi torbaatamii jaha. Haga nyaatanii quufaniin maayessa qamadii gara galaanaa darbanii markaba irraa salphifatan. Haga lafti bariite huleen sun eessa akka taate hin beenne; Haa ta'uu ammo lafa lolaan seenu ka xindhachaa arganii garas dhiibu'uuf kutatan. Sibiila ulfaataa san hiikanii galaana keessatti gad dhiisan; hennama san haada muka markabaa hiikanii sharaa diqqoo qilleensaaf ol bananii gara qacce'ee laalanii deemuu jalqaban. Haa ta'uu ammo markabni lafa tuqee xidhacha keessa seenee socho'oo dide. Loltoonni worra hidhaman keessaa tokkollee daakee akka isaan jalaa hin baane ajjeesu'uuf mari'atan. Ajajaan loltuu dhibbaa ammo Phaawuloosiin hambisuu yaadee marii isaanii dhoogge. Worri daakkaa beekan ammo markaba irraa gad uf dhiisa'aa, dursanii gara lafaa akka bayan, Worri hafan wodhakkaan saanqa'aan, gariin ammo markaba cabeen akka bayan ajaje. Akka kanaan maruu nagayaan gara lafaa gayan. Haga nagayaan geenneen maayii lafti sun gooba bisaaniin marfamte ta Malaaxiyaa jedhamtu akka taate beenne. Aramaayoonni gooba san irra jiraatan waan mishaa maalalchiisaa nuu godhan. Hennaan sun rooba waan ta'eef qorraaf ibidda nuu bobeessanii nu maraa simatan. Phaawuloos ammo bayee haashee wolitti qabee ibiddatti yoo kaayu, bofattiin takka uduu oo'a ibiddaa dheessitu harka isaa iddite. Worri gooba bisaaniin marfamte san irra jiraatan ka Aramaayoota jedhaman hennaa bofti harka isaa irratti rarra'e arganii, «Namni kun dhugamaan nama guma'aati; yoo garba keessaa nagayaan bayellee, murtii Rabbii jalaa bayee jiraatuu hin dandeenne» woliin jedhan. Inni ammo bofa uf irraa gara ibiddaa gad hargufe; isiin ammo isa hin miine. Isaanillee «ammaa iitayee yookaan bakkumattuu kufee du'a» jedhanii eega'aa turan. Guddisanii eeganii isa irratti waan nama maalalchiisu womaa arguu haga dhaban, «Kun sirimaa Waaqa» jedhanii yaada ufii jijjiiran. Bakka san bulchaa Pupiliyoos jedhamutu ture. Inni keessummummaa nu simatee guyyaa sadihii jaalalaan nu bulche. Abbaan Pupiliyoosii haxaxxe'ee fi baasa'aan dhibamee ciisee ture. Phaawuloos gara isaa seenee Rabbiin kadhateefii harka ufiillee isa irra kaayee jennaan namichi fayye. Hennaa wonti kun ta'e, worri hafan akkasuma worri dhibee qabanillee gara gooba bisaaniin marfamte sanii dhufa'aa fayyan. Ulfinna gudda'aan nu kabajjanii hennaa kaanellee waan nu barbaachisu maraa markaba irra nuu kaayan. Ji'a sadihiin maayessa markaba Iskindiriya'aa ta gooba irra jirtuun kaane; markabattii irra malkata Diyoosqoroos jedhamutu jira. Hennaa qachaa Saraakusii seenne guyyaa sadihii achi teenne. Achii jijjiirannee gara Reegiyuumii geenne. Guyyaa tokkoon maayessa hennaa bubbeen bita'aa bubbifte guyyaa lammeesso'oo gara Putiyoluusii dhandhe. Achitti obboleewwan arginee isaan bira guyyaa torba akka teennu nu kadhatan; akkasuma gara Rooma'aallee dhandhe. Achittillee obboleewwan waan keenna dhagayan haga gabayaa Afiiyuusiitii fi haga hulee, «Bultii sadihii» jedhamuu nu simachu'uuf yaa'an. Phaawuloosillee hennaa isaan arge Rabbiin galatoonfate; garaan isaallee hin jajjabaate. Hennaa gara Rooma'aa seenne Phaawuloos loltuu isa eegu woliin hojja ufii akka taa'u eeyyamameef. Guyyaa sadihiin maayii Phaawuloos hangaftoota Yihuudotaa gara ufii waamee hennaa isaan wol gayan akkana isaaniin jedhe, «Obboleewwan tiyya! Ani banii yookaan sirna abbootaa mormu'uun waan tokko uduu hin godhin Yerusaalemitti akka hidhametti harka worra Rooma'aatitti dabarsanii na kennan. Isaanillee na qoratanii sababaan na ajjeesisu waan na irra hin jirreef na hiiku'uuf yaadan. Yihuudonni ammo hennaa na morman gara Qeesaarii akka iyyadhu giddii natti ta'e malee, waan banii kiyya himadhu waan qabuufii miti. Sababaa kanaaf isin argee, waan kana isinitti himu'uuf isin waame. Abdii Israa'elootaatiif haada sibiilaa kanaan hidhameera.» Isaanillee, «Nu Yihuudaa irraa waan kee xalayaa tokkollee hin arganne; obboleewwan keessaa tokkollee dhufee waan kee hamaa nutti hin himne; yookaan ka nutti dubbate hin jiru. Haa ta'uu ammo waan worra kanaa hulee maratti akka morman nu biratti waan beekkameeruuf waan yaaddu si irraa dhagayuu feena» jedhaniin. Guyyaa qabaniifii heddu ta'anii gara mana inni keessa jiraatuu dhaqan. Waan jeennata Rabbii raga'aa, waan Yesuusillee Seera Muuse'eetii fi raattotaa keessaa hima'aa hubachiisa'aa ganamaa haga galgalaa isaanii ibsa'aa ture. Gariin waan inni dubbatetti amanan; gariin ammo hin amanne. Hennaa ufii wolii galuu dhaban Phaawuloos dubbii tokko haga dubbateen maayii hin lixan. Akkana jedhe, «Ayyaanni Woyyuun raatticha Isaayyaasiitiin abboota teennaan, ‹Gara banii kanaa dhaqii akkana jedhiin, Dhagayuu inuma dhageettan, haa ta'uu ammo hin hubattan: Argiitiillee ima argitan; ammo hin guuttattan. Garaan banii kanaa jabaateera; Ija isaaniitiin akka hin argine, gurra isaaniitiinillee akka hin dhageenne; Qalbii isaaniitiin akka hin hubanne, deebi'eellee akka isaan hin fayyifne, Gurri isaaniillee duudeera, ija ufiillee dunuunfataniiran› jedhee waan mishaa dubbate. Eeganaa, «Fayyummaan Rabbii kun worra Yihuudii hin taaneef akka ergame isin biratti haa beekkamuu; isaanillee hin dhagayaniin.» [ Hennaa inni waan kana dubbate Yihuudonni ufumaa guddisanii wol morma'aa deeman.] Phaawuloos mana kireeffate keessa woggaa lama guutuu taa'ee worra gara isaa dhufan maraa simate. Eennullee uduu isa hin dhooggine jeennata Rabbii hima'aa waan Gooftaa Yesuus Kiristoosii haalaan ibsee barsiisa'aa ture. Phaawuloosii garbicha Yesuus Kiristoosii ka ergamaa ta'u'uuf waamamee fi ka dubbii Rabbiitiif fooyame irraa. Waan Dubbii Nagayaa kana karaa raattotaatiin kitaabbilee woyyuu keessatti dursa abdii kenname. Isaa fi maqaa isaatiif worra Yihuudota hin taane maraa jiddu'utti akka ajajamuun amanti'iin ta'e argamu, badhaadhuma'aa fi ergamummaa fudhanne. Akkasuma isinuu worra isaan jiddu'uu ka Yesuus Kiristoosii ta'u'uuf waamame. Worra Rabbiin jaalatamtan, woyyoota ta'u'uuf worri waamamtanii fi worri Roomaa keessa jirtan maruu, abbaa keenna Rabbii fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin biraa badhaadhaa fi nagaya argadhaa'a. Amantiin keessan adunyaa maraa irratti waan dhagayameef, firrisee waan keessan maraafuu Rabbii kiyya karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin galatoonfadha. Akka isin jabaattaniif kennaa Ayyaanaa isinii qoodu'uuf isin arguu hawwa. Kana jechuun kiyya amantii jidduu tiyyaa fi teessan jirtuun isin woliin akka wol jajjabeessinuuf. Obboleewwan tiyya! akkuma worra Yihuudota hin taane biratti ta'e isin birattillee daraaraa akka argadhuuf hennaa heddu gara keessan dhufu'uuf akka yaade; haga ammaa ammo dhooggamuu kiyya akka naa beettan barbaada. Namoota Giriikii ka hin baranne, Ogeeyyi'ii fi worra hin hubanneef yabo'otu na irra jira. Wonti isin worra Roomaa jirtaniifillee haga naa danda'ameen Dubbii Nagayaa himu'uuf hawwuuf kanaaf. Dubbii Nagayaatiin hin saalfadhu; dura worra Yihuudi'iitiif; akkasuma nama Giriikiitii fi worra amanu maraafuu hunni Rabbii fayyiinsaaf waan ta'eef. Dubbii Nagayaatiin qajeellummaan Rabbii waan mudhateef qajeellummaan Isaallee jalqabaa haga dhumaa waan amanti'iin ta'e; akkuma, «Qajeelaan amanti'iin jiraata» jedhamee barreeffame. Namoota dhugaa badoomaan dhooggan badooma isaanii maraa irratti dheekkamsi Rabbii sami'ii cubbuu isaanii irratti bu'a. Rabbi waan isaanitti mudhiseef waan Rabbii beekuu danda'uun isaan biratti addaataa waan ta'eef. Uduu «Nu ogeeyyi'i» ufiin jedhan jaanjoo ta'an. Ulfinna Rabbii ka hin banne nama du'uuf, bifa simbirraniitiin, waan luka afur qaban, uumama lafa irra deemanitti fakkeessanii jijjiiran. Kanaafuu nafa isaaniitiin akka wol shingeessaniif Rabbi qalbii isaanii keessatti fedha battummaa fooniitiif dabarsee isaan kenne. Kunillee dhugaa Rabbii sobaan waan jijjiiraniif; uumaa dhiisanii uumama waan waaqeffatanii tajaajilaniif, Rabbi garuu bara haga bara baraa kabajjama'a! Amiin. Kanaafuu Rabbi hawwii shinga'aatiif dabarsee isaan kenne. Dubartoonni isaanii hujii amala isaaniitiif ta'u waan amala isaaniitiif hin taaneen jijjiiran. Akkasuma worri dhiiraa amala isaaniif ta'u dubartoota bira gayuu dhiisanii fedhii foon ufiitiin gubatan. Dhiirti dhiira woliin shingaa raawwatan; waan badaa kana waan godhaniif adabbii isaaniif ta'u uf irratti fidan. Haguma Rabbiin beekuu jibbaniin Rabbi waan hin taane akka godhan sammuu faayidaa hin qabneef dabarsee isaan kenne. Hammeenna, luquna, dhara maraan guuttaman; hinaaffaa, lubbuu ajjeesuu, mormii, amala dharaatii fi hammeennaan guuttaman. Worra maqaa wol balleessu'uun wol hamatan, worra Waaqa jibban, worra nama arrabsan, worra boonanii fi worra uf jajan, worra karaa badumma'aa wolitti soqanii fi worra maatii ufiitiif hin ajajamne. Worra hin hubanne, worra wolii galtee diigan, worra jaalala hin qabnee fi worra araara hin qabne. Worra kana godhan irratti «Seera Rabbii ka du'aatitu isaaniif ta'a» ka jedhu beeka'aa; worra waan kanniin godhu callaa uduu hin taane, worra waan kana godhaniinillee wolii galan. Kanaafuu ati namni nama biraatitti murteessitu maruu waan itti sababattu hin qabdu. Wonta ka biraa irratti murteessitu sanniin uf irrattillee waan murteessituuf ati murteessaan woma san waan gootuuf. Worra akkana godhan maraa irratti murteen Rabbii dhugaa ta'uu isaa hin beenna. Ati nama worra kana godhutti ka murteessitu sanuma waan gootuuf, murtee Rabbii jalaa waan baatu sitti fakkaataa? Moo arjummaan Rabbii gara aagii akka si masakku uduu hin beenne, arjummaa isaatii fi waa danda'uu durummaa obsa isaa tuffataa? Moo gar jabumma'aa fi qalbii aagii hin galle, hennaa murtiin Rabbii qajeelaan mudhatu gaafa guyyaa dheekkamsa Rabbiitiif uf irratti kuufatta. Inni maraafuu akkuma hujii isaatiin kennaaf. Worra hujii mishaa irra dhaabatanii galataa fi ulfinna, jireenna hin banne worra barbaadaniif jireenna bara baraa kenna. Worra nama didanii bu'aa ufii soqaniif hammeeyyii ta'anii waan mishaa dhiisanii fi worra hammeenna duukaa deeman dheekkamsa Rabbiitii fi bala'atu isaan irra gaya. Lubbuun nama waan hamaa hojjatuu maraa irratti rakkinnaa fi dhiphinnatu dhufa. Dura nama Yihuudi'iiti, akkasuma nama Giriikiiti. Haa ta'uu ammo worra hujii mishaa hojjatu maraaf galataa fi ulfinni nageennillee isaanii ta'a. Duraan nama Yihuudi'iitiif akkasuma ammo nama Giriikiitiif. Rabbi waan nama wol hin caalfanneef. Worri seeraan ala cubbuu hojjatan maruu akkasuma seeraan ala waan badaniif. Uduu seera qaban worri cubbuu hojjatan maruu seeraan isaanitti murteeffama. Rabbiin afo'otti worra seera raawwatantu qajeellota ta'an malee worri seera dhagayan waan qajeellota hin taaneef. Worra Yihuudota hin taane ka seera hin qabne, amala ufiitiin waan seera uumamaa yoo godhan isaan yoo seerallee hin qabaanne ufumaa seera ufii waan qabaniif, Isaanillee yaanni sammuu isaanii ragaa waan isaanii bayuuf, yaanni mataa isaanii ufumaa yoo wolitti sababatu hujii seeraa ka garaa isaanii keessatti barreeffame mudhisan. Kunillee Rabbi karaa Yesuus Kiristoosiitiin akka ani Dubbii Nagayaa barsiise guyyaa gaafa Rabbi waan nama biratti dhokatetti murteessu ta'a. Ati ammo, «Yihuudi'i» jedhamte'eef yoo seeratti irkatte, Rabbiin yoo boontee, yoo fedha isaallee beette, Seera irraallee barattee yoo mishaa beettee qortee jaalatte, Eegasuu ati ka nama biraa barsiiftu uf hin barsiiftuu? Ka, «Hin hatin!» jettee himtu, hin hattaa? Ati ka namootaan hin seebarin jettu hin seebartaa? Ati ka waaqolee tolfamaa shakkitu mana woyyuu saamtaa? Ati ka seeraan dhaadattu, seera irra darbu'uun Rabbiin saalfachiiftaa? Kun «sababaa keessaniif maqaan Rabbii worra Yihuudii hin taane jiddu'utti hin arraffama» jedhamee akkuma barreeffame ta'aaraamii? Uduu seera raawwattee, gadoomuun fayyidaa qaba. Yoo ka seera diiddu ta'e ammo gadoomuun kee akka waan hin gadoomnee ta'eera. Eegasuu namni hin gadoomin yoo sirna seeraa eege gadoomuu dhabuun akka waan gadoomeetitti hin laakkayamuufii? Ka uumamaan hin gadoomin namni seera raawwatu akka seera kitaabaatitti gadoomuu uduu si barbaachisu diiguun seerri sitti murteessa. Ka maqamaaf Yihuudii ta'e Yihuudii waan hin taaneef; addaataa gadoomuun fooniin ta'e gadoomuu waan hin taaneef. Haa ta'uu ammo ka dhossa'aan Yihuudii ta'e Yihuudi'i. Gadoomuun Ayyaana Rabbiitiin ta'u gadoomuu qalbi'iiti malee, ka kitaaba seeraatii miti. Galanni isaallee Rabbiin irraa malee, nama irraa miti. Eegasuu Yihuudii ta'uun maali'i? Yookaan gadoomuun faayidaa maal qaba? Kanaafuu Yihuudii ta'uun bu'aa heddu qaba. Waa maraa dura jechi Rabbii yaboo isaanitti kenname. Eegasuu maali'i ree? Worri hin amanne yoo jiraatan amanuu dhabuun isaanii amanamummaa Rabbii hambisaa? Sirimaa hin ta'u! namni maruu sobaa, Rabbi garuu ka dhuga'aa haa ta'u; Akkuma, «Sababaa dubbii keetiitiif nama dhuga'aa, murtii afo'ottillee injifataa taata» jedhamee barreeffame. Haa ta'uu ammo hammeenni keenna qajeellummaa Rabbii yoo ka mudhisu ta'e maal jenna ree? Rabbi waan cubbuu keennaatiif yoo nu adabe, murteessaa dhuga'aatii miti jechu'uu? Ani akka yaada namaatiin dubbadha. Akkasuu hin ta'in, yoo akkas ta'e Rabbi adunya'atti attamitti murteessa? Soba kiyyaan ammo dhugaan Rabbii ulfinna isaatiif yoo caale, maaf akkasuma haga ammaa akka cubbama'aatitti natti murteeffama ree? «Maali'iif akka wonti mishaan dhufu hamaa hin hojjanne ree?» akkanumaan nu arrabsan. Gariin akkanumaan akka waan jennuu waan dubbataniif murtiin isaanii qajeela'a. Eegasuu maal haa ta'u? Nu isaan tarraa? Horomaa hin ta'u! Yihuudiillee namoonni Giriikiillee maruu cubbuu jala akka ta'an dursinee waan isaan himanneerruuf. Akkana jedhamee akkuma barreeffame, «Namni qajeelaan tokkollee hin jiru, ka hubatullee hin jiru; ka Rabbiin soqullee hin jiru. Maruu dogoggoraniiran martinuu worra bu'aa hin qabne ta'aniiran; Ka arjoomu tokkollee hin jiru; dubbii nama miidhu dubbatu'uuf, afaan isaanii akka awwaala banameeti; arraba ufiitiin hin soban; hidhii isaanii jala hadhaa bofaatitu jira; Afaan isaanii keessa abaarsaa fi hadha'atu guuteera. Lutti isaanii dhiiga jissu'uuf ariifatti. Bakka isaan dhaqan maraa badi'ii fi rakkoo hama'atu jira. Afaan maruu akka cufamu; adunyaan martuu akka murtii Rabbii jala taatu wonti seerri dubbatu maruu worra seera jala jiraniif akka dubbatu hin beenna. Kunillee hujii seeraa hojjachu'uun, ka foon uffate maruu isa afo'otti waan qajeelaa hin taaneef cubbuunillee seeraan waan beekkamuuf. Amma ammo ka seeraa fi raattonni ragaa bayaniif qajeellummaan Rabbii seeraan ala mudhateera. Innillee ka worra itti amanan maraa qajeellummaa Rabbii ka Yesuus Kiristoosiititti amanu'uun argamu. Garaa garummaan hin jiru, maruu cubbuu waan hujaniiraniif ulfinni Rabbii isaan irraa dhidhateera. Isaan badhaadha karaa Yesuus Kiristoosiitiin ta'een akkanumaan kennaa isaatiin qajeellota ta'an. Isallee Rabbi dhiifamsa cubbu'uu karaa amantii dhiiga isaatiin argamuun godhee dhaabeen; kanallee Rabbi cubbuu dura hojjatame dandeettii Rabbiitiin dhiifama qajeellummaa ufii mudhisu'uuf kana godhe. Innillee qajeelaa akka ta'u ka Yesuusitti amanullee qajeelaa akka taasisuuf bara kanallee qajeellummaa akka mudhisuuf. Eegasuu boonuun kee meeti ree? Inni hafeera; Seera kamiin? Seera huji'iitiinii? Miti seera amanti'iitiin malee. Namni seera huji'iitiin malee amanti'iin akka waan qajeellumma'aatitti waan laakkoofnuuf, Eegasuu seera amanti'ii diinnaa ree? miti. Seera jabeessinee qabanna malee. Eegasuu Abrahaamiin fooniin abbaa keenna ta'e maal argate jenna? Abrahaam uduu huji'iin qajeelaa ta'ee, waan ittiin dhaadatu qaba. Haa ta'uu ammo Rabbiin biraa miti. Kitaabni maal jedha? «Abrahaamillee Rabbitti amanee, akka nama qajeela'aatitti isaa laakkayame» Namni tokko yoo hujii hojjate mindaan isaa akka gati'iititti malee akka badhaadhaatitti hin laakkayamuuf. Haa ta'uu ammo nama hin hojjannee fi nama cubbamaa qajeelchutti amanu, amantiin isaa akka nama qajeela'aatitti isaa laakkayama. Namni Rabbi uduu inni hujii mishaa hin hojjatin qajeelaa taasisuun sun ka eebbifame akka ta'e Daawiti akkana jedhee dubbate, «Worri yakki isaanii dhiifameef, worri cubbuun isaaniillee haqameef, worra eebbifame! Namni Gooftaan cubbuu isaa itti hin laakkoofne ka eebbifame!» Eegasuu eebbi kun waan gadoomu'uu dubbatee? Moo waan gadoomuu dhabu'uuti? «Abrahaam waan Rabbitti amaneef amantiin isaa akka qajeellumma'aatitti laakkayameeraaf» waan jenneerruuf. Attamitti laakkayameef? Haga gadoomee as moo? Yookaan uduu hin gadoomneen dura? Haga gadoomee miti; uduu hin gadoominiin dura malee. Amantii uduu hin gadoomneen dura qabuun chaapaa woyyumma'aa malkata gadoomu'uu argate; kanaafuu worra amanan ufii ammo worra hin gadoomneef qajeellummaan akka isaaniif laakkayamuuf abbaa nama maraatiiyyu. Worra gadoomaniif abbaa akka ta'u, akkasuma worra gadooman calla'aafii miti, Haa ta'uu ammo abbaan keenna Abrahaam uduu hin gadoomin amantii soquun isaaf callaa uduu hin ta'in worra duukaa bu'aniifille'e. Inni nama ardii tana dhaalu akka ta'u Abrahamii fi fiixaa isaatii dubbii abdi'ii ka kenname qajeellummaa amanti'iiti malee seeraanii miti. Worri seeraan jiraatan yoo ka dhaalan ta'e amantiin duwwaa ta'eera; abdiin dubbi'iillee diiggameera. Seerri waan balaa fida; Haa ta'uu ammo hulee seerri hin jirretti cubbuu hujuun hin jiru. Kanaafuu abdiin amanti'iin dhufeera; abdiin kunillee badhaadhaan akka ta'u sanyii Abrahaamii maraaf akka wobii ta'uuf; seerri kun worra ka isaa ta'an calla'aaf uduu hin taane worra amanti'iin ka Arahaamii ta'aniifille'e. Kun, «Abbaa banii maraa si taasiseera» jedhamee akkuma barreeffame; Inni ka worra du'ee jireenna kennu; ka waan hin jirre akka jiraatu godhee waamu; Waaqa itti amane afo'otti abbaa nu maraati. Fiixaan keellee akkanuma ta'u'uuf ta'a akkuma jedhame, haga abdiin ta'uu dhabellee abbaa worra Yihuudii hin taanee maraa ta'u'uuf «Abdii qabatee amane» Inni waan jaarsa woggaa dhibbaa ta'eef, qaama isaa ka akka waan du'ee ta'eef hormaanni Saara'aa akka du'e haga arge amanti'iin uduu hin dadhabne, Kanaafuu akka qajeellumma'aatitti laakkayameef. Haa ta'uu ammo laakkayameeraaf dubbiin jedhu waan isaa calla'aaf ka barreeffamee miti. Eegasuu amanti'iin yoo qajeellota taane, karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiin woliin nagaya haa qabaannuu. Nullee akkasuma isaan gara badhaadha kanaa amanti'iin galuu arganneerra. Kanaaf nullee abdii ulfinna Rabbiitiin boonna. Ayyaana Woyyuu nuu kennameen jaalalli Rabbii waan qalbii kenna keessa guuteef abdiin kun nu hin saalfachiisu. Uduu nu dadhabdoota taaneerru, hennaa barri gaye Kiristoos cubbamtootaaf du'eera. Waan nama qajeela'aatiif ka du'u arguun guddaa rakkisa. Nama arja'aaf ka du'uu uggu maal laataa hin argama ta'a. Haa ta'uu ammo uduma nu cubbamtoota taaneerru Kiristoos waan keennaaf waan du'eeruuf; kun jaalala Rabbi nuuf qabu mudhisa. Eega dhiiga isaatiin qajeellota taane, karaa isaatiin dheekkamsa Rabbii jalaa hin baana. Nu uduu diintota Rabbii taaneerru, du'a Ilma ufiitiin Rabbiin wolitti yoo araaramne, caala'atti ammo haga araaramneen maayii jireenna isaatiin hin fayyina. Kana calla'aa miti; araara amma arganne ammo karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiin uf janya. Sababaa kanaaf cubbuun karaa nama tokkootiin gara ardii tanaa dhufte. Cubbuunii fi duutillee akkasuma maruu cubbuu waan hojjataniif cubbuun nama maraa irra geette. Seerri uduu hin dhufneen duratti, cubbuun biyya lafaa irra waan jirtuuf. Haa ta'uu ammo hennaa seerri hin jirree cubbuun hin laakkayamu. Fakkeenna cubbuu Aadam hojjateetiif worra cubbuu hin hojjanne irrattuu, Aadamiin irraa jalqabee haga Muuse'eetitti duuti moote. Aadam ka dhufu'uuf ta'u saniif fakkeenna waan ta'eef. Haa ta'uu ammo kennaan isaa haga yakka namaatii miti; sababaa cubbuu nama tokkootiif namoonni hedduu waan du'aniiraniif, Haa ta'uu ammo badhaadhummaa Rabbiitiif kennaan badhaadhumma'aa ka Yesuus Kiristoosii ka nama tokkoof ta'e sanniin caalaa namoota hedduuf baay'ateera. Kennaan haga cubbuu namni tokko hojjateetiinii miti. Murtiin nama tokko irraa cubbu'uuf waan dhufeeruuf kennaan ammo namoota hedduu qajeelaa taasisu'uuf dhufe. Duuti sababaa cubbuu nama tokkootiin moote; kana caalaa worri kennaa badhaadhinnaa argatan karaa Yesuus Kiristoosiitiin mooyanii jiraatan. Eegasuu sababa cubbuun murti'iin gara nama maraatuu dhufte; akkasuma sababaa qajeellummaa nama tokkootiin kennaan jireenna namaa qajeelchu gara nama maraa dhufe. Akkuma ajajamuu dhabuu nama tokkootiin hedduun isaanii cubbamtoota ta'an, akkasuma ammo ajajamuu nama tokkootiin hedduun isaanii qajeellota ta'an. Eegasuu maal jenna ree? Badhaadhumaan Rabbii akka baay'atu cubbuu keessa haa jiraannuu? Wa'a! hin ta'u; nu worri cubbuu jalaa duune, ammaa achi attamitti cubbuu jala jiraanna ree? Mo'o Kiristoos Yesuusiin woliin tokko akka taanu nu worri cuuphamne maruu du'a isaa woliin tokko ta'u'uuf akka cuuphamne hin beettanii? Eegasuu Kiristoos akkuma ulfinna Abba'aatiin du'aa ka'e nullee akkasuma jireenna haarawa keessa akka jiraannu, du'aan isa woliin tokko akka taanu cuuphamu'uun isa woliin awwaalamneerra. Du'a du'a isaatiin wol fakkaatuun isa woliin yoo wol taane, akkasuma du'aa ka'iinsa du'aa ka'uu isaa fakkaatuunillee tokko taana. Haalli jireenna keennaa cubbamaan akka baduuf garboota cubbu'uu ta'uun keenna akka hafuu, nafti keenna moofaan Kiristoosiin woliin akka fannifame hin beenna; Namni du'e cubbu'uu bitamuu jalaa bilisa. Eegasuu yoo Kiristoosiin woliin duune isa woliin akka jiraannu hin amanna. Kiristoos du'aa ka'ee duranaa akka hin duune, duutillee uf afoo akka isa irratti mirga hin qabne waan beennuuf. Du'a hennaa tokko raawwatee, cubbu'uuf waan du'eef ka jireennaan jiraatu ammo Rabbiif jiraata. Isinillee ammo akkasuma cubbuu jalaa duutanii karaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiif worra jiraatan akka taatanitti uf laakkayaa'a. Eegasuu akka hawwii isaatii ajajamtan, foon keessan ka du'u irratti cubbuun hin mooyin. Nafa keessan keessaa hulee tokkollee mi'a hammeennaa gootanii cubbu'uuf hin dhiyeessinaa'a, haa ta'uu ammo du'oota keessaa baatanii jireennaan akka jiraattan Rabbiif uf dhiyeessaa'a, nafa keessan maraa mi'a lolaa ka qajeellumma'aa taasisa'aatii Rabbiif dhiyeessaa'a. Isin Ayaannaa gadi malee seeraa gadii miti. Cubbuun waan isin hin binneef. Eegasuu maal haa ta'u? Nu badhaadhummaa Rabbiitii gadi malee seeraa gadi waan hin taaneef cubbuu haa hojjannuu? Wa'a! Ajajamu'uuf garboota akka taatan ka itti uf dhiyeessitaniif isaafillee akka ajajamtaniif garboota isaa akka taatan hin beettanii? Yookaan du'aaf garboota cubbu'uuti moo garboota qajeellumma'aaf ajajamtan. Haa ta'uu ammo dursitanii yoo garboota cubbu'uu taatan, barumsa kennamtaniitiif qalbii teessan keessaa waan ajajamtaniif cubbuu jalaa bilisa baatan. Qajeellumma'aaf waan bitamtaniif Rabbiin galanni haa gayu. Waan dadhabbii foon keessanii akkuma namni jedhu jedha; qaamni keessan akka hammeenna raawwatu, battumma'aa fi hammeennaaf garboota gootanii akkuma dhiyeessitan, akkasuma qaamni keessan akka woyyoomuuf qajeellumma'aaf garbicha godha'aatii dhiyeessaa'a. Hennaa garboota cubbu'uu taataniirtan qajeellummaa irraa bilisa waan turtaniif. Eegasuu dubbii adha itti saalfattan irraa hennaa san bu'aa maal argattan? Dhumti waan kanaa du'a waan ta'eef. Amma ammo cubbuu jalaa bilisa baatanii Rabbiif ajajamtanii, worra daraaraa woyyumma'aa qabu. Innillee dhuma jireenna bara baraati. Gatiin cubbu'uu du'a waan ta'eef, kennaan badhaadhummaa Rabbii ammo karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin jiruu bara baraati. Obboleeyyan tiyya! Worra seera beekanitti dubbadha. Namni bara jireenna isaa maraa seerri akka isa bitu hin beettanii? Dubartiin heerumte hennaa abbaan manaa lubbu'uun jiru isa woliin seeraan hidhamteerti; abbaan manaa isi'ii yoo du'e ammo seera isiin abbaa manaa isi'ii san woliin hidhamte irraa hiikkamteerti. Kanaafuu uduu abbaan manaa lubbu'uun jiru dhiira biraatitti yoo heerumte ta seebarte jedhamti. Abbaan manaa yoo du'e ammo seera jalaa bilisa waan baateertuuf dhiira biraatitti yoo heerumte, seebartu'uu miti. Akkasuma obboleeyyan tiyya! Isin ammo foon Kiristoosiitiin seeraaf ajjeefamtaniirtu; Rabbiif daraaraa akka daraarru isin kaawwaniif ka du'oota keessaa ka'eef akka jiraattan. Fooniin hennaa jirru, hawwiin cubbu'uu ka seeraaf ta'e daraaraa du'aa daraaru'uuf qaama keenna keessatti waan hojjata'aa tureef. Amma ammo isaa ka itti hidhamnee fi waan seera nu hidheeru jalaa duuneef, seera san irraa hiikkamneerra. Kanaafuu jireenna Ayyaana haarawaatiif bitamna malee, jireenna moofaa qube'eetiinii miti. Eegasuu maal jenna? Seerri cubbu'uu? miti. Haa ta'uu ammo uduu seeraan ta'uu dhabaatee cubbuullee hin beeku; seerri, «Hin hawwin» uduu jedhuu dhabaatee, silaa hawwiillee hin beeku. Cubbuun ammo sababa argatee hawwii maraa ajajaan na irratti hojjate cubbuun seeraan alaa du'a waan ta'eef. Anillee dur seeraan ala jiraata'aa ture. Hennaa ajanyi dhufe ammoo cubbuun jiraattuu taate; anillee hin du'e. Ajanyi jireennaaf kennamte, isiinillee du'aaf akka taate arge. Cubbuun sababaa argattee ajajaan waan na sobdeef, isiinillee na ajjeefteerti. Kanaafuu seerri woyyu'u. Ajanyillee woyyitti'i, qajeeltu'uu fi michu'ulle'e. Eegasuu wonti mishaa ta'e anaaf du'a ta'ee? miti! Haa ta'uu ammo cubbuu ta'e; cubbuunillee sababa ajajaatiif hagaa ol cubbamaa akka ta'u cubbuun karaa waan mishaa ta'e saniin du'a natti fide. Seerri ayyaanticha akka ta'e hin beenna. Ani ammo nama foonii ka cubbu'uu gadii ta'u'uuf gurgurame. Waan godhu waan hin beenneef woma jibbu san godha; ta'ullee ka jaaladhu san hin godhu. Waan hin jaalanne ammo yoo ka godhu ta'e, garuu seerri mishaa akka ta'e raga'aara. Akkana yoo ta'e san ka godhu amma anaa miti; cubbuu ana keessa jiru san malee. Na keessa jechuun namummaa kiyya ka foonii keessa wonti mishaan akka hin jirre hin beeka. Halcha uf keessaa qaba. Haa ta'uu ammo waan mishaa godhuu hin danda'u. Ani waan mishaa godhuu fedhe hin godhu, waan hamaa godhu'uuf hin feene san godha. Waan hin jaalanne yoo ka godhu ta'e ammo, san ka godhu amma anaa miti, cubbuu ana keessa jiru san malee. Eegasuu uduu waan mishaa godhuu jaaladhu, seerri namumma'aa akka ani waan hamaa huju na taasisa. Nafti kiyya ka keessaa seera Rabbiitiin gammada. Haa ta'uu ammo qaama nafa kiyyaatiin seera sammuu kiyyaa woliin ka wol woraanuuf cubbuu nafa kiyya keessa seerri biraa akka na booji'u arga'aara. Ani nama rakkataa attamiiti! nafa du'aaf kenname kana jalaa eentu na hambisa? Karaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin galanni Rabbiif haa ta'u; eegasuu ani sammuu kiyyaan seera Rabbiitiif; foon kiyyaan ammo seera cubbu'uutiif bitama. Eegasuu worri Kiristoos Yesuusiin keessa jiran amma murtii yakkaa jala hin jiran. Seerri Ayyaana Woyyu'uu ka Kiristoos Yesuusiin keessaa seera cubbu'uutii fi du'a jalaa wolabummaa waan nu baaseeruuf. Namummaan namaa waan dadhabaa ta'eef, waan seerri godhuu dadhabe Rabbi godhe; Rabbi Ilma ufii ka fakkeenna namummaa keennaa cubbamaa fakkaate ergee akka cubbuu haqu godheera. Akka fedha Ayyaanaa malee, akka fedha fooniititti nu worra jiraanneef nuun seerri ajaja akka raawwatamuuf fooniin cubbuu irratti yakka mure. Worri akka fedha fooniititti jiraatan waan foonii yaadan; worri akka fedha Ayyaanaatitti jiraatan ammo waan Ayyaanaa yaadan. Waan foonii yaaduun du'a waan ta'eef; waan Ayyaana yaaduun ammo jireennaa fi nagaya. Waan foonii yaaduun Rabbiin wol nama dhabsiisa; seera Rabbiitiif waan hin ajajamneef, ajajamuullee dadhabeera. Worri fooniin jiraatan Rabbiin gammachiisuu hin danda'an. Isin ammo yoo Ayyaanni Rabbii isin keessa jiraate, Ayyaanaan malee fooniin hin jiraattan; ka Ayyaana Kiristoosii hin qabne ammo fira isaatii miti. Yoo Kiristoos isin keessa jiraate hagamillee nafti keessan sababaa cubbu'uutiif yoo ka du'e ta'ellee; sababaa qajeellumma'aatiif ammo Ayyaanni jireenna isinii kenna. Ayyaanni Rabbii ka Yesuusiin du'aa kaase yoo isin keessa jiraate, ka Yesuus Kiristoosiin du'a keessaa kaase karaa Ayyaana ufiitiin nafa keessan ka du'uufillee jireenna kenna. Eegasuu obboleeyyan tiyya! Waan jireenna keennaa waan nu irra barbaadamutu jira. Kunillee akka fedha fooniititti jiraachu'uufii miti. Akka fedha fooniititti yoo jiraattan hin duutan; hujii Ayyaanaatiin hujii fedhii foonii yoo ajjeeftan hin jiraattan. Worri Ayyaana Rabbiitiin masakkaman maruu, isaan ijoollee Rabbiiti. Isinillee Ayyaana ilmumma'aa ka Aabba! Aabbaa! jennee ittiin waamnu argattan malee deebitanii Ayyaana soda'aatii fi garbumma'aa hin arganne. Ijoollee Rabbii ta'uu keenna Ayyaanni sunuu hafuura keenna woliin ragaa baya. Nu eega ijoollee Rabbii taane worra waa mara argatu; nu waa maraa Rabbiin biraa arganna. Eega Kiristoosiin woliin rakkinni nu irra gaye, nullee isa woliin ulfinnaa fi waan Kiristoos argatu maraa isa woliin arganna. Rakkinni bara kanaa kun ulfinna durana dhufee mudhatu woliin yoo wol bira qabamee laallamu womaa akka hin taane yaada. Uumamni mudhatuu ijoollee Rabbii hawwi'iin waan eeggataniif. Uumamni maruu ka gatii hin qabne akka ta'uuf itti murameera. Kun fedhii ufiitiin uduu hin ta'in fedhii Rabbiitiin; haa ta'uu ammo uumamni maruu akka abdi'iin eeggatu taasiseera. Abdiin sunillee uumamni garbummaa badi'ii jalaa bilisa bayee gara ulfinna ijoollee Rabbiitiif ta'u gara wolabumma'aa akka gayuuf. Uumamni maruu haga ammaa jigaan, worwaataa fi ciiniinsu'uun jiraatuu isaanii hin beenna. Kana calla'aallee miti; nu worri kennaa Ayyaanaa ka ijoo ta'e qabnu ka akka ilmaatitti nu guddisee fi ka bakka bu'ee nu fure abdi'iin eeggata'aa keessa keennatti wixxifata'aarra. Abdi'iin fayyineerra; haa ta'uu ammo wonti abdii godhatan sun yoo argame abdi'ii miti, waan arge eentu abdii godhataa? Waan arga'aa hin jirre yoo abdii godhanne obsaan eegganna. Akkasuma Ayyaanni dadhabbii keenna nu gargaara; attamitti akka kadhannu nu waan hin beenneef haa ta'uu ammo Ayyaanninuu worwaata himamuu hin dandeenneen nuu kadhata. Rabbi yaada Ayyaanaa ka garaa namaa qoratu maal akka ta'e hin beeka; akka fedha Rabbii waan woyyootaatiif kadhata. Worra Rabbiin jaalataniif, worra akka fedha isaatiin waamamaniif wonti maruu mishumma'aaf akka ta'u hin beenna. Ilmi isaa obboleewwan hedduu jiddu'utti hangafa akka ta'u, duraan dursee ka beeke bifa ilma isaa akka fakkaatan dursee murteesseera. Dursee ka murteesse kanniin ammo hin waameen; worra waame kanniin ammo qajeellota taasise, worra qajeellota taasise kanniin ammo hin kabajje. Eegasuu waan kanaaf maal jenna? Yoo Rabbi nu woliin ta'e eentu nu morma? Ilma ufiitiif uduu garaa hin laafne, eega waan nu maraatiif dabarsee isa kenne, akkasuma isa woliin waan maraa attamitti akkanumaan nuu hin kennine ree? Worra Rabbi filate eentu isaan himata? ka qajeelchu Rabbi. Ka itti murteessu eennu? Ka du'e, caala'atti ka worra du'an keessaa ka'ee ka mirga Rabbii jiru akkasuma waan keenna ka nuu kadhatu Yesuus Kiristoos. Jaalala Kiristoosii irraa eentu nu fooya? Rakko'oo dhiphinnaa, ari'amu'uu, beelaa, yookaan daaru'uu, soda'a mo'o guraade'e? Akkana jedhamee akkuma barreeffame, «Waan keetiif guyyaa maraa hin ajjeefamna; akka hoolota qalamaniititti laakkayamne» Kana maraa keessatti ammo ka nu jaalate saniin mooyattoota hin caalla. Du'a yookaan jireenna, Maleekkota, bulchiinsa, ka waa qabu, ka dhufullee yoo ta'e, hunna qabeeyyii ol gubba'aa gad bu'u uumama addaallee yoo ta'e, jaalala Rabbii ka karaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin keessaan arganne keessaa akka nu baasuu hin dandeenne hubadheera. Gadda gudda'aa fi dhiphachuu addaan hin cinnetu garaa kiyya keessa jira yoo jedhu, Kiristoosiin keessa ta'ee dhugaa dubbadha. Hin sobu; sammuun kiyya ka Ayyaana Woyyu'uun masakkamullee, akka ani hin sobne naa raga. Waan worra fooniin gosa kiyya ta'anii, waan obboleeyyan tiyyaatiif, Kiristoosiin irraa fooyamee ani ka abaarame akka ta'u Rabbiin kadhata'aa ture. Isaan worra Israa'elii waan ta'aniif ilmummaa, ulfinna, kaku'uunillee seerri kennamuun, sirni mana woyyu'uu dubbiin abdi'iilee ka isaaniiti. Abboonnillee ka isaanii waan ta'aniif isaan keessaa Kiristoos fooniin dhalate; Inni waa maraa ol ta'ee, bara baraan Waaqa eebbifama'a! Amiin. Haa ta'uu ammo dubbiin Rabbii ka diiggamee miti; kunniin worri Israa'eliin irraa dhalatan maruu Israa'eloota waan hin taaneef. Fiixaa Abrahaamiillee waan ta'aniif isaan maruu ijoollee isaatii miti. Haa ta'uu ammo «fiixaan kee Yisaaqiin sii waamama» jedhame. Kana jechuun worri ijoollee Rabbii jedhaman ijoollee fooniitii miti; haa ta'uu ammo worri ijoollee Abrahaamiiti jedhaman ijoollee abdi'iiti. Dubbiin abdi'ii kunillee, «Ani hennaa kana dhufa, Saaraanillee ilma deetti» ka jedhu. Kana calla'aa miti; Ribqaan akkasuma abbaa keenna tokkocha Yisaaqiin irraa hennaa ulfoofte, ijoolleen isaa lakkoonni uduu hin dhalatin, yookaan waan mishaa ta'ee'e waan hamaa uduu hin godhin, yaanni Rabbii akka filanno'oon jabaatu huji'iin uduu hin taane ka waame irraa waan ta'eef, «Hangafni maandha'aa ajajama» isi'iin jedhame. «Yaaqoobiin jaaladhe; Eesawuu ammo jibbe» jedhamee akkuma barreeffame. Eegasuu maal jenna? Rabbiin bira haammeenni hin jiraa? miti. Rabbi Muuse'een, «Ka araaramu maraafuu hin araarama; ka garaa laafu maraafuu garaa laafa» waan jedhuuf. Eegasuu araarri worra jaalateefii miti; yookaan ka fiigeefii miti. Rabbii araara namaa kennu irraa malee. Kitaabni, «Fari'ooniin ani hunna tiyya sitti mudhisu'uuf, maqaa kiyyallee biyya lafaa maraa irratti akka dubbatamu kanaaf si kaase» waan jedhuuf. Eegasuu Rabbi ka araara fedhuuf hin araarama; ka hin feene ammo mataa jabeessa. Eegasuu «Maaf haga ammaa Rabbi dogoggora nu irraa barbaada ree? Ka fedha isaa mormu eennu?» naan jetta ta'a. Haa ta'uu ammo ati nama nana, ati ka deebii Rabbiif deebiftu eennu? Hujiin abbaa hujuun, «Maaf akkana gootee na hujje?» jedhaanii? Yookaan ka faara huju dhoqqee kutaa tokko irraa meeshaa tokko ulfinnaaf, tokko ammo salphinnaaf dhoqqee huju irratti baallii hin qabuu? Meeshaan dhiifamsaa Yihuudota calla'aafii miti; haa ta'uu ammo worra Yihuudii hin taane keessaallee akkasuma worri waamamne nu'u. Akkasuma ammo Hoosee keessatti «Ummata kiyya ka hin taane ‹Ummata kiyya› jedhee ta hin jaalatamnellee, ‹Ta jaalatamte› jedhee waama. Hulema, ‹Isin banii kiyyaa miti› jedhaman sanitti, ‹Ijoollee Rabbii jiraata'aa› jedhamanii waamaman» jedha. Isaayyaasillee laakkobsi ijoollee Israa'elii hagamillee akka xindhacha galaana keessaallee yoo ta'e, worri hafan hin fayyan; Gooftaan dubbii ufii lafa irratti daddafee waan raawwatuuf jedhee, waan Israa'eliitiif hin iyya. Isaayyaasillee akkasuma, «Gooftaan maraa danda'u uduu fiixaa nuu hambisuu dhabaatee silaa akkuma Soodomiitii fi Gomoora'aa banna» jedhee firrisee dubbate. Eegasuu maal jenna? worri Yihuudii hin taane ka qajeellummaa hin hordofne qajeellummaa argatan. Inni ammo qajeellummaa amanti'iin ta'e. Israa'el ammo qajeellummaa seeraatitti bula'aa seera bira hin geenne. Israa'el ammo seera qajeellumma'aa worri hordofan gara seeraa hin geenne. Kun maali'iif? Huji'iin malee, qajeellumma'aan amantii waan hin hordofneef. «Kunoo! dhagaa gufachiisu, dhagaa qarsa'aa Tsiyooniin keessa kaaya, ka isatti amanu hin saalfatu» jedhamee akkuma barreeffame dhagaa gufachiisuun gufatan. Obboleewwan tiyya! mishummaan fedha garaa kiyyaa waan Israa'eliitiif kadhaan ani Rabbiin kadhadhu akka isaan fayyaniif. Beekumsa dhuga'aatiin waan hin taaneef malee, isaan akka Rabbiif hinaaffaa Ayyaanaa qaban anuu isaanii raga. Karaa Rabbi itti qajeelaa nama taasisu wollaalu'uun hujii ufii qajeelaa faanaa deeman malee qajeellummaa Rabbii faanaa hin deemne. Worri amanan maruu akka qajeellota ta'aniif Kiristoos raawwii seeraati. Muuseen qajeellummaa seeraan ta'e, «Namni seera raawwatu isaan akka jireennaan jiraatan» barreesseera. Qajeellummaan amanti'iin ta'e ammo akkana jedha, «Garaa kee keessatti, ‹Eentu gara sami'ii baya?› hin jedhin. Kun Kiristoosiin gadi buusu'uuf. Yookaan garaa kee keessatti, ‹Eentu gadi bu'a?› hin jedhin. Kunillee Kiristoosiin worra du'an keessaa baasu'uuf.» Haa ta'uu ammo maal jedha? Afaanii fi garaa kee keessa ta'ee dubbiin Rabbii si bira jira. Kunillee dubbii amanti'ii ka lallabnu. Yesuus Gooftaa akka ta'e yoo afaan keetiin ragaa baate, Rabbi worra du'an keessaa akka isa kaase garaa kee keessatti yoo amante hin fayyita. Namni gara'aan amanee qajeelaa ta'a. Afaaniinillee ragaa bayee fayya. Kitaabni, «Ka isatti amanu maruu hin saalfatu» waan jedhuuf Yihuudi'ii fi nama Giriikii jiddu'utti garaagarummaan hin jiru; Gooftaan tokkichi Gooftaa nama maraa waan ta'eef, worra isa waamatu maraafuu arja'a. «Ka maqaa Goofta'aa waamu maruu hin fayya.» Eegasuu ka itti hin amanin attamitti waamuu danda'an? yoo hin dhageenne attamitti amanan? yoo lallabame malee attamitti dhagayan? «Lutti worra dubbii gammachu'uu mishaa himanii attamitti bareede» jedhamee akkuma barreeffame, yoo hin ergamin attamitti lallaban? Haa ta'uu ammo maruu dubbii gammachu'uutiif hin ajajamne. Isaayyaas, «Gooftaa keenna! Ragaa keenna eentu amane?» Waan jedhuuf. Eegasuu amantiin dhagayu'uun; dhagayuunillee dubbii Rabbiiti. Haa ta'uu ammo waan hin dhageenneefii? Dhugamaan, «Laagaan isaanii biyya lafaa maraa irratti dhagayame; dubbiin isaaniillee haga daangaa adunya'aa baye» jedha. Haa ta'uu ammo Israa'el waan hin beenneef mo'o? jedha. Duraan dursee Muuseen, «Ani banii isaa ka hin taaneen isin hinaafsisa; banii qaabii hin qabneen isin aarsa» jedheera. Isaayyaasillee uggee, «Worra na hin sondheef argame; worra na hin gaafanneefillee mudhadhe» jedhe. Waan Israa'eliitiif ammo, «Guyyaa maraa gara worra naa hin ajajamnee fi gara banii naan mormuu harka kiyya hiixadhe» jedhe. Eegasuu Rabbi banii ufii hin gatee ree? jedha. Horomaa hin ganne! Ani akkasuma Israa'el fiixaa Abrahaamii ka gosa Biiniyaamiiti. Rabbi banii duraan beeke hin ganne. Isin waan Eliyaasii attamitti akka Rabbiin afo'otti Israa'eliin himate kitaabni maal akka jedhe hin beettanii? «Gooftaa'a! raattota kee hin ajjeessan; hulee ciinca'aa keellee hin diigan; anillee hojja kiyyatti hafe; nallee ajjeesu'uuf na soqa'aaran» Haa ta'uu ammo deebiin Rabbii maal jedheen? «Namoota kuma torbaa ka Ba'aaliif hin saganne ufiif hambifadheera» Akkasuma bara kanallee worri Rabbi badhaadhummaa ufiitiin filate, worri hafan hin jiran. Yoo badhaadhaan ta'e ammo huji'iin ta'uun isaa hafeera; yookaan ammo badhaadhinni badhaadha ta'uun isaa hafeera. Eegasuu maal ta'inna? Israa'el waan barbaadan hin arganne. Worri filataman ammo argataniiran. Akkuma barreeffamni woyyuun jedhu, «Kuuwwanillee hadoodaniiran; akkasuma ijji isaanii akka hin argine; gurrii isaaniillee akka hin dhageenne, Rabbi haga adhaatitti hafuura hirribaa isaanii kenne» Daawitillee, «Nyaanni isaanii siiboo nama qabu, boollaa fi gufuu isaanitti haa ta'u. Ijji isaaniillee akka hin argine isaanitti haa dukkanaayu; duddi isaaniillee hennaa maraa haa goorratu » jedheera. Eegasuu worri gufatan haga kufaniifii? jedha; miti. Haa ta'uu ammo isaan hinaafsisiisu'uuf balleessaa isaaniitiin fayyinni worra Yihuudota hin taaneef ta'e. Haa ta'uu ammo yakki isaanii yoo adunya'aaf eebba ta'e, kufaatiin isaaniillee yoo worra Yihuudii hin taaneef eebba ta'e, guuttamuun isaanii eebba guddaa attamii fidinna laata? Isinii fi worra Yihuudota hin taanettillee hin dubbadha. Ani haguma worra Yihuudii hin taanee ergamaa ta'e saniin. Worra fira kiyya ta'an hinaafsisee maal laataa isaan keessaa garii yoo ka fayyisu ta'e jedhee tajaajila kiyya kabajja. Gatamuun isaanii adunya'aaf yoo araarama ta'e, jireenna du'aa ka'u'uun argame malee deebi'uun isaanii ammo maal ta'inna laata? Hangafni yoo woyyuu ta'e, worri hafe ammo woyyoota ta'an. Hiddi yoo woyyuu ta'e, dameen isaallee akkasuma woyyuu ta'a. Haa ta'uu ammo damee keessaa gariin yoo caban, atillee ka ejersa gammoojji'ii taatee jidduu isaanii seentee isaaniin woliin hidda sayitii ejersa baasu irraa yoo qoodamaa taate, damee irratti hin boonin. Yoo ittiin boonte ammo, hiddatu si baata malee ati hidda hin baattu. Eegasuu, «Akka ani galuuf dameen cabeera» jetta ta'a. Sun dhuga'a; isaan amanuu dhabuu isaaniitiin caban; atillee sababaa amantii keetiitiin dhaabatteerta; sodaadhu malee waan uf jaju'uu hin yaadin. Rabbi dameewwan akka dhalatanii jiranii yoo garaa hin laafne ta'e, siifillee akkasuma garaa waan hin laafneef. Eegasuu gara laafummaa Rabbiitii fi gar jabummaa isaa laali. Gar jabummaan isaa worra kufan irratti; yoo arjummaa isaatiin jabaattee jiraatte ammo, arjummaan Rabbii si irra jira. Akkas yoo ta'uu dhabaate atillee akkasuma hin muramta. Isaan amanuu dhabuu isaaniitiin jabaatanii yoo dhaabatuu baatan, deebi'anii muka keessa seenan. Rabbi deebisee isaan galchuu waan danda'uuf. Ati uumamaan ejersa gammoojji'ii irraa muramtee akka uumama keetii uduu hin taane, yoo ejersa mishaa keessa seente, caala'atti dameewwan uumamaan jiran, sunniin ejersa ufiititti attamitti hin galle? Obboleeyyan tiyya! worra qalbii qaban akka isinitti hin fakkaanne dhossaa kana akka beettan barbaada; haga worri Yihuudota hin taane gara worra Yihuudotaatitti guutumaan guutu'utti eda'amaniif worri Israa'elii gariin hadoodeera. Akkasuma Israa'el maruu hin fayya akkuma jedhamee barreeffame, «Qorsi Tsiyooniin irraa dhufa. Yaaqoobiin irraa cubbuu hin balleessa. Cubbuu isaaniillee hennaa isaan irraa fuudhe waadaan ani isaan woliin galu kana. Karaa Dubbii Nagayaatiin waan keessaniif diintota ta'aniiru. Karaa filanno'ootiin ammo waan abbootaatiif jaalatamtoota. Rabbi kenna'aa fi badhaadha waamsa ufiitiin hin gaabbu. Isinillee akkuma Rabbiif dura hin ajajamne amma ammo sababaa ajajamu dhabuu keessaniitiin akkuma dhiifamsa argattan, Akkasuma araara barattaniin isaanillee akkasuma araara akka argatan kunniinillee akkasuma amma hin ajajamne. Rabbi maraafuu dhiisu'uuf ajajamuu diduu isaanii jalatti namoota maraa akka booji'aman godhe. Durummaan ogummaa Rabbiitii fi beekkumsi Rabbii hagam gadi fagaata! Murteen isaa ka hin qoratamne; karaan isaallee ka hin beekkamne. Kitaabni Woyyuun «Yaada Goofta'aa ka beeku eennu? Yookaan ka isa gorsu eennu? Yookaan ka Rabbii liqeessee liqaa san fudhatu eennu? dura ka isatti kenne eennu?» jedha. Maruu isa irraa; isaan; isaaf waan ta'eef bara baraan isaaf ulfinni haa ta'u! Amiin! Eegasuu Obboleeyyan tiyya! Nafti keessan ka Rabbiin gammachiisuu fi ciincaa jiraataa gootanii akka dhiyeessitan, gara laafummaa Rabbiitiin isin kadhadha. Innillee tajaajila keessan ka sammuu namaatiif tolu. Fedhiin Rabbii misha'aa fi ka nama gammachiisu waan mudaa hin qabne maal akka ta'e qorattanii akka beettan haarawoomuu qalbii teessaniitiin jijjiiramaa malee adunyaa tana hin fakkaatinaa'a. Akkasuma isin maruu haga amantii Rabbi isinii kenneetiin akka yaaddaniif malee, haga yaaduu barbaachisuu olitti uf jaju'uun waan keessaniif hin yaadinaa'a jedhee badhaadha naa kennameen isinitti dubbadha. Akkuma nafa tokko keessa qaamni hedduu jiru, hujiin qaama nafa maraatuu tokko akka hin taane, Akkasuma nu heddu taanee karaa Kiristoosiitiin nu nafa tokko. Nu maruu qaama woliiti. Akkuma badhaadha nuuf kennameetitti kennaa gara garaa qabna; raaga yoo ta'e, akkuma amantii keennaatiin raaga haa dubbannuu. Tajaajila yoo ta'e, tajaajila keennaan haa jabaannuu; ka barsiisullee yoo ta'e, barsiisuu ufiitiin haa jabaatuu; ka gorsu yoo ta'e, gorsu'uun haa jabaatu; ka kennullee arjumma'aan haa kennuu; ka bulchullee jabaatee haa bulchuu; ka araaramullee gammachu'uun haa araaramuu. Jaalalitti teessan uf mudhisu'uun hin ta'in. Waan hamaa jibbaa'a; waan misha'aan wolii galaa'a. Jaalala obbolumma'aatiin wol jaaladhaa'a; Wol kabajjaa'a. Huji'itti jabaadhaa malee hin ceem'inaa'a; worra Ayyaanaan oo'itan ta'aa'a Goofta'aa ajajamaa'a. Abdi'iin gammadaa'a; rakkinna keessatti obsaa'a; Rabbiin kadhachu'uun jabaadhaa'a. Woyyoota waan barbaachisuun gargaaraa'a; keessummoota simachu'uun jabaadhaa'a. Worra isin ari'an eebbisaa malee hin abaarinaa'a. Worra gammadan woliin gammadaa'a; ka booyu woliinillee booyaa'a. Isin wol ta'u'uun jiraadhaa'a; worra jiruu gad aanaa jiraatan woliin tokko ta'u'uuf hayyamaa malee isaanitti uf hin jajinaa'a; ufiinillee hin dhaadatinaa'a. Eennullee hamaa dubbate'eef hamaa itti hin deebisinaa'a; nama maraa afo'otti waan mishaa yaadaa'a. Yoo isinii danda'ame karaa keessaniin nama maraa woliin nagayaan jiraadhaa'a. Jaalalloota tiyya! Waan keessaniif haluu hin bayinaa'a; dheekkamsa Rabbiitiif hulee kennaa'a malee ufii haluu hin bayinaa'a; «ka haluu baasu ana; gatii isaallee ka deebisuuf ana» jedha Gooftaan jedhamee waan barreeffameef. «Diinni kee yoo beelaye nyaachisi; yoo dheebote obaasi; kana godhuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irratti waan tuultuuf.» Hamaa mishumma'aan mooyadhu malee, haamtu'uun hin mooyatamin. Namni maruu worra bulchaniif haa ajajamanii; Rabbiin irraa yoo ta'e malee baalliin waan hin jirreef. Worri jiran ka baallii qabanillee Rabbiin muudaman. Kanaafuu ka worra baallii qabuun mormu seera Rabbii morma; Worri seera Rabbii mormu murtee ufitti fida. Bulchoonni worra hamaa hojjatan malee, worra waan mishaa hojjatan waan hin sodaachifneef; worra baallii qaban akka hin sodaanne barbaaddaa? Waan mishaa hojjadhu; galata isa irraa argattaa. Worri baallii qaban tajaajiltoota Rabbii ka waan mishaa sii godhan waan ta'aniif akkanumaan waan guraadee hin hidhanneef yoo waan hamaa hojjatte sodaadhu; inni tajaajilaa Rabbii ka worra hamaa hojjatan irratti dheekkamsa fidu'uun haluu baasu waan ta'eef. Kanaafuu waan dheekkamsaa calla'aa miti. Haa ta'uu ammo akkasuma yaada sammu'uutiif bitamuunillee giddi'i. Kanaafuu akkasuma gibirallee waan gabbartaniif worri waan kanaan jabaatan tajaajiltoota Rabbii waan ta'aniif. Maraafuu waan isaaniif barbaachisu isaanii kenna; ka gibirri maleef gibira, ka qarandhi maleef qaraxa; ka sodaatamuu barbaachisu sodaa'a; ka ulfinni maleef ulfinna kennaa'a. Gatiin isin wol irraa qabdan wol jaalachuu haa ta'uu; namni nama kaan jaalatu seera raawwateera. «Hin seebarin, hin ajjeesin, hin hatin, sobaan ragaa hin bayin, hin hawwin» jedhu ajaja biraa maraa woliin, «Goshoo kee akka uf jaalattutti jaaladhu» dubbii jedhuun wolitti qabameera. Jaalalti goshoo ufiititti waan hamaa hin godhu. Kanaaf jaalalti raawwii seeraati. Hennaan hirribaa kaatan amma akka gaye bara beekaa'a, hennaa amanne caalaa fayyuun keenna adha gara keenna waan dhiyaateef. Halkan lufeera; guyyaanillee dhiyaateera; eegasuu hujii dukkanaa mulqannee wontee ifa woraanaa haa uffannuu. Akka nama ifa guyya'aa keessa jiraatuutitti seeraan haa jiraannuu malee, sirbaa fi machi'iin hin ta'in; seebaru'uu fi wol qirqissuun hin ta'in. Haa ta'uu ammo Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin uffadhaa'a; akka fedha ufii hin raawwanne, fooniif hin yaadinaa'a. Nama amanti'iin dadhabellee ufitti qabaa'a; yaada isaa irratti hin murteessinaa'a. Waan maraa nyaachuun akka eeyyamameef ka amanu hin jira. Dadhabaan ammo ashaakiltii nyaata; Ka nyaatu ka hin nyaanne hin tuffatin; ka hin nyaannellee ka nyaatu irratti hin murteessin; Rabbi waan isa ufitti qabeeruuf. Ati ka garbicha biraa irratti murteessitu eennu? Inni yoo dhaabate yookaan yoo kufellee ka itti murteessu Gooftaa isaati. Haa ta'uu ammo Rabbi waan isa dhaabuu danda'uuf hin dhaabata. Namni kun guyyaan tokko guyyaa biraa irra woyyaa akka ta'e hin yaada. Kuun ammo guyyaan maruu tokko akka ta'e yaada; maruu qalbii ufiitiin jabeessee haa hubatuu. Ka Guyyaa kabajju Goofta'aaf jedhee kabajja; ka nyaatullee waan Rabbiin galatoonfatuuf Goofta'aaf jedhee nyaata; ka hin nyaannellee Goofta'aaf jedhee hin nyaatu. Rabbiinillee hin galatoonfata. Nu keessaa tokkollee ufiif jedhee ka jiraatu waan hin jirreef ka ufiif du'ullee hin jiru. Yoo jiraanne Goofta'aaf jiraanna. Yoo duunellee Goofta'aaf duuna. Eegasuu yoo jiraanne yookaan yoo duune nu ka Goofta'aati. Sababa kanaaf Kiristoos Gooftaa worra du'aniitii fi worra jiraatanii ta'u'uuf du'ee deebi'ee ka'e. Atillee maaf obboleessa kee irratti murteessitaa? Yookaan akkasuma obboleessa kee maaf tuffatta? Nu maruu teessoo murtii Kiristoosii afoo waan dhaabannuuf. «Ani jiraata'a! jedha Gooftaan; Jilbi maruu anaaf jilbiiffata; arrabni maruu Rabbiin galatoonfata» jedhamee waan barreeffameeruuf. Eeganaa nu maruu waan keennaaf Rabbii deebii kennina. Eeganaa adha irraa jalqabee nu maruu akka wol irratti hin murteessine caala'atti ammo eennullee obboleessa ufiititti gufuu yookaan sakaallaa akka hin taane kana murteeffadhaa'a. Wonti battii ta'e akka hin jirre, ani Gooftaa Yesuusiin keessa ta'ee beekeera, hubadheeralle'e. Haa ta'uu ammo wonti kamuu battii akka ta'e ka laakkayuuf isaa battima. Sababaa nyaataatiif jettee Obboleessa kee yoo ka gaddisiiftu taate eegasuu jaalalaan hin jiraanne. Nama Kiristoos du'eef nyaataaf jettee hin balleessin. Eegasuu wonti mishaan isin keessa jiru hin arrabamin. Jeennanni Rabbii qajeellumma'aa fi nagaya gammachuu Ayyaana Woyyu'uuti malee, nyaataa fi dhuddoo waan hin taaneef. Akka kanaan ka Kiristoositti bulu Rabbiin waan gammachiisuuf; nama birattillee inni ka galataati. Eegasuu karaa nagaya nuu argamsiisuuf waan nu jajjabeessu maraa haa goonuu. Sababaa nyaataatiif hujii Rabbii hin diigin; maruu qulqullu'u; mama'aa yoo nyaatan ammo nama saniif bada'a. Waan obboleessa kee gufachiisu foon nyaatuu yookaan daadhii woyini'ii dhuguu dhiisuu, waan biraallee yoo ta'e dhiisuun misha'a. Eeganaa amantiin kee kun siif Rabbii kee wadhakka'atti haa ta'uu. Namni waan itti amane hennaa godhu ka sammuun isaa isa hin qorre ka galataati. Namni mama'aa nyaate ammo waan godhe san amanee waan hin gooneef itti murteeffama. Wonti amanti'iin hin goone maruu cubbu'u. Nu worri amanti'iin jajjabaa taane, dadhabbii worra dadhabanii baadhachuu nu barbaachisa malee, uf gammachiisuu nu hin barbaachisu. Marti keennaa akka inni jajjabaatu faayidaa isaatiif goshoo keenna haa gammachiifnuu. Kiristoos waan uf hin gammachiifneef. «Tuffiin si tuffatan na irra gayeera» jedhamee akkuma barreeffame isa irratti ta'e. Jabaachu'uuf abdiin jajjabeennaa ka Kitaabni kenneen wonti dura barreeffame maruu barumsa keennaaf waan nuuf barreeffameeruuf. Yaada tokko taatanii afaan tokkoon Rabbiin, Innillee Abbaa Gooftaa Yesuus Kiristoosii akka kabajjitan Waandhi obsaatii fi jajjabeennaa akka fedha Yesuus Kiristoosiititti yaada tokko isinii haa kennu. Kanaafuu Kiristoosiin ulfinna Rabbiitiif akka amantan, akkasuma isin wol simadhaa'a. Dubbii abdi'ii ka abboota keenna ittiin jabeessu'uuf kenne, akkasuma «Kanaaf worra Yihuudii hin taane jiddu'utti si galatoonfadha. Maqaa keetiifillee hin faarfadha» jedhamee akkuma barreeffame, Worri Yihuudi hin taane waan araara isaatiif Rabbiin akka kabajjan, Kiristoos waan dhugaa Rabbiitiif tajaajilaa gadoomu'uu ta'e jedha. Akkasuma ammo, «Worri Yihuudii hin taane banii isaa woliin gammadaa'a» jedha. Akkasuma, «Worri Yihuudota hin taane maruu, Gooftaa galatoonfadhaa'a; Baniin maruu haa jajaniinii!» jedha. Akkasuma Isaayyaasillee, «Ka fiixaa Isseyii keessaa dhalatu hin dhufa; inni worra Yihuudii hin taane bulchu'uuf hin ka'a, worri Yihuudii hin taane abdii godhatan» jedha. Waandhi abdii hunna Ayyaana Woyyu'uutiin abdiin akka guddatu amanuu keessaniin gammachu'uu fi nagaya maraa isinii haa kennu. Ani akkasuma obboleeyyan tiyya! Isin akkuma mishumma'aan guuttamtan, beekkumsa maraa akkuma argattan isin akkasuma akka wol gorsuu dandeettan waan keessan hubadheera. Haa ta'uu ammo worri Yihuudii hin taane Ayyaana Woyyu'uun woyyoomanii ciincaa jaalatamaa akka ta'an, Dubbii Nagayaa ka Rabbiitiif akka gadichaatitti tajaajilaa, worra Yihuudii hin taaneef tajaajilaa Yesuus Kiristoosii akka ta'u, sababa badhaadhummaa Rabbiin biraa naa kennameen deebi'ee isin hubachiisu'uuf jedhee bakka tokko tokkotti uggiiti'iin isinii barreesse. Eegasuu waan Rabbiin biraa ta'uun Yesuus Kiristoosiin boona qaba. Worri Yihuudii hin taane akka ajajaman Kiristoos dubbii, hujii, malkata, hunnaa fi maalalee gudda'aan hunna Ayyaana Woyyu'uutiin, na keessa ta'ee waan hojjateen alatti womaa dubbatuu hin uggu. Kanaafuu Yerusaalemii jalqabee haga Iliwaarqoon naannayee Dubbii Nagayaa ka Kiristoosii guutumaan guutu'utti lallabeera. Akkasuma karaa namni biraa bu'uura buuse irratti akka hin hunye, maqaan Kiristoosii bakka itti waamametti uduu hin taane, Dubbii Nagayaa lallabu'uuf tattaafadhe. Haa ta'uu ammo, «Worri waan isaa itti hin himamne hin argan; worri hin dhageennellee hin hubatan» jedhamee akkuma barreeffame. Kanaafuu akkasuma gara keessan akka hin dhufne hennaa hedduu dhooggame. Amma ammo biyya tanatti uf afo'oof hulee waan hin qabneef woggaa heddu irraa jalqabee gara keessan dhufu'uuf waan haawwii qabuuf. Hennaa gara Ispaaniya'aa lufu firrisee isin argu'uuf hennaa diqqoo haga yaada isin bayeen maayii isinillee imala kiyyaaf akka na gargaartan abdii godha. Amma ammo woyyoota tajaajilu'uuf gara Yerusaalemii deema. Maqedooniya'aa fi Akkaayaan Yerusaalemitti hiyyeeyyii woyyoota jidduu jiran gargaaruu waan murteeffataniif. Waan jaalataniif worri sun isaaniif ba'aa isaaniiti. Worri Yihuudii hin taane eega eebba Ayyaana Yihuudotaa isaan irraa qoodaman, isaanillee eebba lafa irraa argatan, Yihuudotaa qooduun isaanii giddi'i. Eeganaa kana raawwadhee gargaarsa wolitti qabame kana eega isinitti kenneen maayii karaa keessaniin lufee gara Ispaaniya'aa deema. Hennaa gara keessanillee dhufu eebba Kiristoosii guutu'uun akka dhufu hin beeka. Obboleeyyan tiyya! Anaaf Rabbiin kadhata'aa na woliin akka xaartan, Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi jaalala Ayyaanaatiin isin kadhadha. Fedha Rabbiitiin gammachu'uun gara keessan dhufee isin biratti akka hara baafadhu, worra Yihuudaa jiran keessaa ka hin ajajamne jalaa akka bayu, tajaajila Yerusaalemitti qabuun woyyoota ka gammachiisu akka ta'u Rabbiin naa kadhadhaa'a. Waandhi nagayaa isin maraa woliin haa ta'u! Amiin! Obboleettii teenna Feebeen tajaajiltuu woldaa Keenkiroos keessa jirtu yaboo isiniin jedheera. Simannaa Goofta'aa ka qulqulloota maraa barbaachisuun simadha'aanii. Isiin namoota hedduuf akkasuma anaafillee gargaartuu waan turteef, waan isiin isin irraa barbaaddu maraanuu gargaara'aanii. Worra hujii Yesuus Kiristoosii na woliin hojjatan Phirisqilla'aa fi Aqila'aatti nagaya naa himaa'a. Isaanillee lubbuu tiyyaaf jedhanii lubbuu ufii dabarsanii du'aaf kennaniiru. Woldaan worra Yihuudota hin taanee martinuu isaan galatoonfatan malee, na calla'aa miti. Woldaa mana isaanii keessa jirtutti nagaya kiyya naa himaa'a. Isiyaa irraallee Kiristoosiif ka hangafa ta'e, Axeenexoonii jaaladhuuf nagaya kiyya naa himaa'a. Maariyaamii waan keessaniif guddiftee dadhabdetti nagaya naa himaa'a. Worri ergamtoota jiddu'utti maqaa mishaa qabaniif akkasuma worri Kiristoositti amanu'uun na dursan fira kiyya ka na woliin hidhaman Andiraaniqoonii fi Yuliiyaanitti nagaya naa himaa'a. Philiyaaxoonii jaalalloo kiyya jaalatamaa Goofta'aan jaaladhutti nagaya naa himaa'a. Urbaanoonni hujii Kiristoosii na woliin hojjatuuf, Siinxaakisii jaaladhutti nagaya naa himaa'a. Exeleenii ka Kiristoosii ta'u'uun qoratamee galatoonfametti nagaya naa himaa'a; worra maatii Ariisxabaluu ta'anitti nagaya naa himaa'a. Heeroduunaa fira kiyyatti nagaya naa himaa'a; worra maatii mana Niirqaasu'uu keessaa worra Goofta'aan jiranitti nagaya naa himaa'a. Porofiimoona'aa fi Xiroofimoosa'atti worra hujii Goofta'aa huju'uuf dadhabanitti nagaya naa himaa'a. Xarsiidaa jaalatamtuu Goofta'aaf jettee guddiftee dadhabdetti nagaya naa himaa'a. Ruufoonii haadha isaa ta naallee haadha taate ta tajaajilu'uun guddiftee beekkamtetti nagaya naa himaa'a. Asqariixoo, Afaliisophee, Heroomeenii, Pheexiroobamii, Heermaanii fi obboleeyyan worra isaan woliin jiran marattuu nagaya naa himaa'a. Felegoonii, Yuuliyaa, Neerii fi obboleettii isi'ii Alixoonii woliin woyyoota jiran marattuu nagaya naa himaa'a. Dhungoo obbolumma'aa woyyitti'iin nagaya wol gaafadhaa'a; tokkummaan woldaa Kiristaanaa ta Kiristoosii martinuu nagaya isinii dhaamaniiran. Haa ta'uu ammo Obboleeyyan tiyya! worra barumsa isin barattan mormanii fi gar gar bayiinsa uumanii namootatti gufuu ta'an, addaan baaftanii akka laaltaniif irraallee akka fagaattan isin kadhadha. Worri akkana jiran kunniin garaa ufiitiif malee, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiif waan hin bitamneef. Waan misha'aaf dubbii shele'eetiin qalbii namoota dhara hin qabnee soban. Ajajamuun keessan nama maraa biratti waan dhagayameeruuf isinitti hin gammada; haa ta'uu ammo waan misha'aaf ogeeyyii ta'aa'a; wonti hamaan ammo akka isin hin qabne barbaada. Waandhi nagayaa seexana luka keessan jalatti gadi dhaya. Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin haa ta'u. Ximootewoosii na woliin hojjatu, akkasuma worri firtoota kiyya ta'an Luuqiyoos, Iyyaasoonii fi Susiphaxiroosillee nagaya isiniin jedhaniiran. Ergaa kana ka barreesse ani Xeerxiyoos maqaa Goofta'aatiin nagaya isinii dhaama. Kanaaf Gaayiyoos ka woldaa Kirstaanaa mara keessummeessu nagaya isinii dhaameera. Namichi birriin bira teettu ka qachaa Ersiisxoosii obboleessii keenna Qu'aasxiroosillee nagaya isinii dhaamaniiran. Badhaani Gooftaa keennaa ka Yesuus Kiristoosii isin maraa woliin haa ta'u! Amiin. Eegasuu Dubbii Nagayaa waan Gooftaa Yesuus Kiristoosii himame, ka woggaa bara dheeraa dhokate; amma ammo ka mudhate ka kitaaba Raattotaatiinillee himame; Rabbi baraa haga bara baraa ajaje; amantii ajajamu'uun akka ta'u haga dhossaan worra Yihuudota hin taane maratti beekkame; haga isinitti mudhate ka isin jajjabeessuu danda'u, Rabbii ufumatti ogummaa qabuu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin. Phaawuloosii fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'u'uuf waamamee fi obboleessa keenna Soosteensiin irraa: Woldaa Rabbii ta Qorontoosiin keessa jirtuuf, worra Kiristoos Yesuusiin woyyoomanii fi ka nu'uu fi isaaniillee Gooftaa ta'e maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin hulee marattuu worra woyyoota ta'u'uuf waamaman maraaf. Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kirstoosiin irraa badhaaninii fi nageenni isiniif haa ta'u. Waan Kiristoos Yesuusitti amantaniif sababa badhaadha isinii kennameetiif hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galatoonfadha. Yoo akkanatti mudhachuu Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii eeggattan, kennaan badhaadhummaa woyyu'uu tokkollee isin jalaa hin hanqatu. Innillee akkasuma guyyaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii mudaa malee akka jiraattan haga dhumaa isin dhaaba. Gara ilma ufii, gara Gooftaa keennaa gara tokkummaa Yesuus Kirstoosii Rabbiin isin waame amanamaa'a. Haa ta'uu ammo obboleeyyan tiyya! Isin maruu dubbii tokko akka dubbattan garaa tokko fi yaada tokkoon worra wol ta'u akka taataniif malee addaan wol fooyuun isin jiddu'utti akka hin taane, Maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhadha. Obboleeyyan tiyya! Isin jidduu wol mormiin akka jiru waan keessan maatiin Qalo'ee natti himaniiran. Kana jedha; gari gariin keessan, «Ani ka Phaawuloosiiti»; «Ani ka Aphiloosiiti»; «Ani ammo, ka Keefa'aati»; ka biraa, «Anillee ka Kiristoosiiti» jettan. Kiristoos Qoodameeraa? Phaawuloos waan keessaniif fannifamee? Mo'o maqaa Phaawuloosiitiin cuuphamtan? Maatii Isxifaanosiillee akkasuma cuupheera. Yoo ka biraa eda'ee cuuphee jiraadhe hin beeku. Kiristoos Dubbii Nagayaa haa himu'uuf na erge malee haa cuuphu'uuf na hin ergine. Fannoon Kiristoosii akka hunna hin dhabne dubbii Rabbii ka lallaba'aaruun ogummaa namaatiinii miti. Dubbiin fanno'oo worra badaniif gowwumma'a; nu worra fayyinuuf ammo hunna Rabbii waan ta'eef. Barreeffama Woyyicha keessatti, «Ogummaa ogeeyyi'ii hin balleessa, hubannaa worra hubatanii hin gata» jedha. Ogeessi meeti? Barreessan meeti? Qorataan adunyaa tanaa hoo meeti? Rabbi ogummaa adunyaa tanaa akka gowwummaa ta'u hin taasifnee? Sababaa ogummaa Rabbiitiin adunyaan Rabbiin ogummaa ufiitiin waan hin beenneef worra lallaba gowwumma'aatitti amanan fayyisu'uuf fedhii Rabbii ta'eera. Hennaa kamiinuu Yihuudonni malkata arguu fedhan; worri Giriikotaallee ogummaa barbaadan. Nu ammo Kiristoosii fannifame lallabna. Kunillee Yihuudotaa gufu'u; worra Yihuudii hin taanee gowwumma'a. Worra waamamaniif ammo Yihuudii ta'eee'e namoota Giriikii, ka hunna Rabbiitii fi ogummaa Rabbii ta'e Kiristoos. Wonti gowwummaa Rabbii fakkaatu qarummaa namaa caala; wonti dadhabbii Rabbii fakkaatu hunna namaa caala. Obboleeyyan tiyya! Waamamuu keessan laalaa'a; worri akka ogummaa namaa ogeeyyii ta'an hedduun, worri gugurdoota ta'an hedduu fi worri dureeyyii ta'an hin waamamne. Haa ta'uu ammo Rabbi ogeeyyii saalfachiisu'uuf gowwaa adunyaa tanaa filate. Cimaa saalfachiisu'uuf, Rabbi dadhabaa adunyaa tanaa filate. Rabbillee waan jiru akka waan hin jirree godhu'uuf womaa woma adunya'aa waan tuffatamaa ta'e filate. Ka foon uffate maruu Rabbiin afo'otti akka uf hin janye. Worri ka Yesuus Kiristoosii ta'uu argattan isumaan; Inni ogummaa keenna ka Rabbiin biraa nuu ta'e; qajeellummaa keenna; woyyummaa keennaa fi ka nu bitate ta'eera. Eeganaa akkuma akkana jedhamee barreeffame, «Ka dhaadatu Rabbiin haa dhaadatuu.» Ani obboleeyyan tiyya! Hennaa gara keessan dhufe, namoota biraa caalaa dubbachu'uun yookaan ogumma'aan ragaa waan Rabbii isinitti hima'aa hin dhufne. Hennaa isin jidduu jiru Yesuus Kiristoosii fannifame san callaa akka beeku waan murteeffadhee tureef. Hennaa gara keessan dhufe dadhabbi'ii fi soda'aan akkasuma holluu gudda'aan ture. Dubbiin kiyya, lallabni kiyyallee hunna Ayyaanaa ibsu'uun malee dubbii ogumma'aa ka shele'eetiin hin turre. Kunillee amantiin keessan hunna Rabbii malee ogummaa namaa irratti akka hin hundoofneef. Worra bilchaatan wodhakka'atti ammo ogummaa dubbanna; haa ta'uu ammo, Ogummaa worra adunyaa tanaati miti. Ogummaa adunyaa tanaa ta diiggamtu ta akka ogummaa bulchoota saniitii miti. Haa ta'uu ammo Rabbi firrisa barootaan duratti ulfinna keennaaf waan murteesse, ka dhokatee ture dhossaa ogummaa Rabbii dubbanna. Bulchoota biyya kanaa keessaa tokkollee ogummaa kana hin beenne. Uduu beekanii, Gooftaa ulfinnaa silaa hin fannisan. Haa ta'uu ammo, «Ka ijji hin argine, ka gurri hin dhageenne; waan qalbii namaatitti hin yaadamne, waan Rabbi worra isa jaalataniif qopheesse» jedhamee akkuma barreeffame akkasuma dubbanna. Rabbi Ayyaana ufiitiin wonti gadi fago'oollee uduu hin hafin maraa waan qoruuf, Rabbi karaa Ayyaana ufiitiin nutti uf ibse. Waan nama tokko keessa jiru, Ayyaana isa keessa jiru san malee, ka biraa ka beeku eennu? Akkasuma ammo Ayyaana Rabbii malee ka Rabbiin beeku eennullee hin jiru. Nu ammo waan Rabbiin irraa akkanumaan nuu kenname akka beennuuf, Ayyaana Rabbiin irraa ta'e fudhanne malee, Ayyaana adunyaa tanaa hin fudhanne. Waan Ayyaanaa wol bira qabnee waan dubbii Ayyaanni nu barsiisuun akkasuma dubbanna malee dubbii ogummaan namaa nu barsiisuunii miti. Nama akka uumameen jiru, wonti Ayyaana Rabbii waan gowwummaa ta'eef hin fudhatu; dubbiin Ayyaanaa waan Ayyaana Rabbiitiin qoramuuf namni foonii beeku hin danda'u. Namni Ayyaana Rabbii qabu ammo maraa qora; inni ammo eennuunuu hin qoramu. Barreeffamni Woyyuun, «Ka yaada Goofta'aa beeku eennu? ka gorsa isaa kennu eennu» Nu ammo qalbii Kiristoosii qabna. Obboleeyyan tiyya! Ani waan isin nama fooniin yaadu taataniif, waan isin Kiristoositti amanu'utti daa'ima taataniif malee, akka waan isin nama Ayyaanaa taataniititti isinitti dubbachuu hin dandeenne. Haga ammaa nyaata cimaa nyaachuu waan hin dandeenneef, aannan isin woga'e. Worra yaada foonii qabu waan taataniif, haga ammaa nyaata jabaa nyaachuu hin dandeettan. Hinaaffa'aa fi mormiin waan isin keessa jiruuf worra fooniin yaadu ta'uu keessanii mitii? Akka Aadaa namaatitti deddeebitanii? Tokko, «Ani ka Phaawuloosiiti» kuun, «Ani ka Aphiloosiiti» yoo jedhe, isin akka nama yaada foonii callaa yaadu ta'uu keessanii mii? Eeganaa Aphiloos eennu? Phaawuloosillee eennu? Isaan tajaajiltoota isin harka isaaniititti amantan. Isaan maruu akka Gooftaan isaanii kennetti haa tajaajilaanii. Ani hin dhaabe; Aphiloos bisaan obaase, Rabbi ammo hin guddise. Eeganaa ka guddisu Rabbi malee, ka dhaabu yookaan ka obaasullee womaa miti. Ka dhaabuu fi ka obaasu tokkoma. Haa ta'uu ammo martinuu akka dadhabbii ufiititti mindaa ufii fudhata. Isin maasaa Rabbiiti. Isin gamoo Rabbiiti isa woliin waan hojjannuuf. Akka badhaadha Rabbii ka naa kennameetitti akka nama qaroo mana ijaaruu tokkotti hundee hundeesse; ka biraallee isa irratti ijaara. Gariin ammo isa irratti attamitti akka ijaaru uf haa eeguu. Ka qara hundaaye malee eennullee waan bu'uura biraa bu'uursuu hin dandeenneef, innillee Yesuus Kiristoos. Eennullee ammo hundee kana irratti worqi'iin yoo ta'e birri'iin, dhagaa gatii gudda'aatiin, mukaan, margaa fi maqa'aan yoo ijaare, hujiin maruu attam akka ta'e ifa baya. Ibiddaan waan ifa bayuuf guyyaan sun hin mudhisa. Hujiin nama maraatuu maal akka ta'e ibiddi sun hin qora. Eennullee hujii isaa irratti ijaaree yoo dhaabateef gatii ufii argata. Eennullee hujiin isaa yoo jalaa gubate hin miidhama. Badhaasa ufii hin argatu. Inni ammo hin fayya. Ta'ullee akka nama ibidda keessaa bayeetitti hafa. Isin mana Rabbii akka taatan Ayyaanni Rabbiillee akka isin keessa jiraatu hin beettanii? Eennullee yoo mana woyyuu Rabbii diige, Rabbi isa diiga. Manni Rabbii woyyuu waan ta'eef, inni sunillee isin. Eennullee uf hin sobin. Isin keessaa eennullee adunyaa tanatti waan ogeessa ta'e yoo isatti fakkaate, ogeessa ta'u'uuf gowwaa haa ta'u. Ogummaan adunyaa tanaa Rabbiin afo'otti gowwummaa waan taateef, «Inni Ogeeyyii dhara isaaniitiin waan qabuuf» akkasuma, «Gooftaan yaada ogeeyyi'ii duwwaa akka ta'e hin beeka» jedhamee waan barreeffameeruuf. Wonti maruu keessan waan ta'eef, Kanaafuu eennullee namaan uf hin jajin. Phaawuloos, Aphiloos, Keefaa, adunyaa tana, jireenna, du'a, ka qabuu fi ka dhufullee yoo ta'e maruu keessan. Isin ka Kiristoosiiti; Kiristoos ka Rabbiiti. Akkasuma namni nu akka hojjataa Kiristoosiitii fi worra dhossaa Rabbii ibsu'uuf amaanaan itti kennameetitti nu haa laakkayuu. Akkanallee yoo ta'e worra amaanaan itti kenname biratti amanamaa ta'ee argamu'utu barbaachisa. Haa ta'uu ammo yoo isin biratti yookaan nama biraa biratti natti murtaaye, anaaf womaa miti; ani ufittuu hin murteessu. Uf irratti womaa waan hin beenneef, Haa ta'uu ammo kanaan qajeellummaa hin argatu. Ka natti murteessu ammo Goofta'a. Kanaafuu ka dukkana keessatti dhokate akkasuma Gooftaan gara ifaa baasu, ka gorsa onne'eellee ibsu haga dhufutti hennaan uduu hin geenne waan tokkollee hin murteessinaa'a. Hennaa san isaan maraafuu galanni Rabbiin biraa ta'a. Obboleeyyan tiyya! Amma isiniif jedhee kana maraa ufii kiyyaan Aphiloosiinillee akka fakkeennaatitti dubbadheera; «waan barreeffamni woyyuun jedhe bira hin darbinaa'a» jedhamee akka isin jiddu'utti beekkamu nu irratti akka laaltaniif namni tokkollee kaan jajee nama biraa hin tuffatin. Ati akka worra kaan caaltu eentu si taasise? wonti ati hin arganne maali'i? Eega isa irraa fudhatte amma maaf akka waan kee ta'eetitti uf jajja ree? Amma quuftaniirtan; amma dureeyyii taataniirtan; nuun alatti mootii taataniirtan; nullee akkasuma isin woliin akka moonuuf uduu mootanii mishaa ta'a. Adunyaa, Maleekkotaa fi namoota birattillee worra taphaa taaneerra. Rabbi nu ergamtoota akka namoota duuti itti murtaayee waan maraa caalaa duuba akka taanu waan nu taasisan natti fakkaata. Nu Kiristoosiif jennee gowwoota; isin ammo Kiristoosiin worra qalbii qabu, nu dadhaboota, isin ammo jajjaboota, isin worra kabajjame, nu ammo worra salphate. Haga sa'aatii kanaa hin beelofna, hin dheebonna, hin daarra, gad qabamna, hin xaarra Harka keennaan hujja'aa dadhabna, yoo nu arrabsan hin eebbifna, yoo nu ari'an hin obsina, Yoo hamaa nutti dubbatan Rabbiin isaanii kadhanna. Haga ammaa fishaa adunya'aatii fi xurii lafa tanaa taaneerra. Akka ijoollee jaaladhuutitti isin gorsu'uuf malee, isin saalfachiisu'uuf kana isinii hin barreessu. Isin Kiristoosiin irraan haga guddiftoota kuma hedduullee yoo qabaattan, abboota heddu qabdan. Ani Yesuus Kiristoosiin irraan Dubbii Nagayaa kanaan isin uumadheera. Eegasuu worra na fakkaatu ta'aa'a jedhee isin kadhadha. Kanaafuu Ximootewoosii jaaladhu amanamaa Goofta'aan ilma kiyya ta'e isinii ergeera. Akkuma ani hulee marattuu woldaa Kiristaanaa barsiisu, karaa kiyya ka Kiristoos Yesuusiin ta'u innillee isin qaabsisa. Gariin ammo akka waan ani gara keessan hin dhufnee isaanitti fakkaatee worri uf jajan hin jiran. Haa ta'uu ammo yoo Gooftaan jedhe dafee gara keessan dhufa. Hunna uf jajootaa hin beeka; dubbii isaanii calla'aa miti. Jeennanni Rabbii hunnaan malee dubbii calla'aan waan hin taaneef. Isin kam feetan? Ulee fudhee isinii dhufa mo'o jaalalaa fi Ayyaana gara laafumma'aatiin isinitti dhufuu woyya? Dubbii gabaaba'aan isin jidduu seebaruun akka jiru hin odeeffama; seebaruun akkanaa kun worra hin amanne worra Yihuudii hin taane keessattuu waan hin argamne; waan namni haadha manaa abbaa ufii fuudhe jiruuf. Isin uf jajjaniirtan, guddiftanii gadduu isin hin barbaachisuu? ka hujii kana hojjate uf keessaa baasaa'a. Ani yoma fooniin isin woliin hin taanellee ayyaanaan isin woliin jira; Isin woliin akkuma waan jiruu ta'ee nama waan kana hojjate irratti maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin amma itti murteesseera. Ayyaana isaatiin guyyaa gaafa Gooftaan Yesuus dhufu akka fayyitu, balleessaa foonii ka akkanaa kana seexanaaf kennuun murtii kiyya. Uf jajuun keessan misha'aa miti, raacitiin diqqoon bukoo maraa akka bukeessu hin beettanii? Eeganaa raacitii malee akka jirtan, bukoo haarawa akka taatan, raacitii moofaa uf keessaa balleessaa'a. Faasikaan keenna Kiristoos waan qalameeruuf. Kanaaf qajeellumma'aa fi dhuga'aan Ayyaana xorosho'oo haa goonuu malee raacitii moofaa dharaa fi dhiibba'aatiinii miti. Seebartoota woliin akka wol hin taane dhaamsa kiyya isinii barreesseera. Wolumaagalatti seebartoota adunyaa tanaa yookaan worra horii dharra'an, saamtota yookaan worra waaqa tolfamaa waaqeffatan woliin wolii hin galinaa'a hin jenne; kana jechu'uu miti. Uduu akkana ta'ee, sirima adunyaa kana keessaa bayu'utu isin barbaachisa. Haa ta'uu ammo worra obboloota jedhaman keessaa tokko seebaraa, yookaan ka horii dharra'u, yookaan ka waaqa tolfamaa waaqeffatu, yookaan ka nama arrabsu, yookaan machaayaa, yookaan saamaa yoo ta'e isa woliin akka wolii hin galle isinii barreessa. Nama akkanaa kanniin woliin nyaatumallee hin nyaatinaa'a. Namoota diida jiran irratti eentu murteessuu na dhoogge? Namoota keessa jiran irratti isin hin murteessitanii? Worra ala jiranitti ka murteessu Rabbi. «Dhara jidduu keessanii baasaa'a.» Isin keessaa tokko goshoo ufii woliin yoo mormii qabaate, woyyoota afo'otti wolitti murteessuu irra, hammeeyyii afo'otti wolitti murteessuu uggaa? Woyyoonni akka adunyaa irratti murteessan hin beettanii? Adunyaa irratti uduu murteessitanii waa maraa caalaa diqqoo waan ta'utti murteessuu hin dandeettanii? Waan fuudhaa fi heerumaa dhiisa'aatii Maleekkotattuu akka murteessinu hin beettanii? Eeganaa waan fuudhaa fi heerumaa manni murti'ii yoo isin barbaachise, worra woldaa Kiristaanaa keessatti tuffataman worra murte'ee gootanii keettanii? Isin saalffachiisu'uuf kana jedha. Akkanumaa? Obboloota jiddu'uu ka manguddoo ta'uu danda'u namni hayyuun tokko isin biratti hin argamuu? Obboleessi garuu obboleessa himata; kanallee worra hin amanne afo'otti godhaa? Eegasuu sirimaa wol mormiin isin keessa jiru hanqinna keessaniin. Uduu ufii yakkamtanii isinii hin woyyuu? Yoo sobamtan isinii hin woyyuu? Haa ta'uu ammo isinuu hin yakkitan; hin sobdanille'e; sanuu obboleeyyan keessan. Moo hammeeyyiin jeennata Rabbii akka hin dhaalle hin beettanii? Hin dogoggorinaa'a. Seebartoota yoo ta'an, yookaan worra waaqa tolfamaa waaqeffatan, yookaan worra seebaran, yookaan dhiira dhiira bira geettu, Yookaan hattoonni, yookaan worri horii dharra'an, yookaan worri machaayan, yookaan worri nama arrabsan, yookaan saamtonni jeennata Rabbii hin galan. Isin keessallee gariin akka kanniinii turtan. Haa ta'uu ammo Maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Ayyaana Rabbii keennaatiin dhiqattaniirtu; woyyoomtaniirtan; qajeellota taataniirtan. «Maruu naa eeyyamameera» maruu ammo hin fayyadu. Maruu naa eeyyamameera; tokkollee na irratti hin mooyu. «Nyaanni gara'aaf, garaanillee nyaataaf» Rabbi ammo kanallee sanillee hin balleessa. Nafti keenna Gooftaa tajaajilu'uuf; Gooftaanillee nafa kunuunsu'uuf malee, ittiin seebaruu hin barbaachisu. Rabbiin Gooftaa kaase nullee hunna ufiitiin du'aa nu kaasa. Nafti keessan qaama Kiristoosii akka ta'e hin beettanii? eegasuu qaama Kiristoosii fuudhee qaama seebartootaa godhuu barbaachisaa? hin ta'u. Mo'o ka seebartootaan wol ta'u foon tokko akka ta'u hin beettanii? «Lachuu foon tokko ta'an» waan jedhameeruuf. Ka Goofta'aan wol ta'u Ayyaana Goofta'aatiin tokko. Seebaruu irraa dheessaa'a. Namni cubbuu hojjatu maruu fooniin ala. Ka seebaru ammo foon ufii irratti cubbuu hojjata. Moo nafa keessan ka Rabbiin irraa fudhattan ka isin irra jiru mana woyyuu Ayyaana Woyyu'uu akka ta'e hin beettanii? Gati'iin waan bitamtaniirtaniif isin ufiifii miti. Kanaafuu nafa keessaniin Rabbiin kabajjaa'a. Waan wonta naa barreessitanii san namaaf dubartii bira gayuu diduun misha'a. Haa ta'uu ammo sababaa rakkoo seebaraatiif dhiirti maruu haadha manaa ufii haa qabaatuu. Akkasuma dubartiin martinuu abbaa manaa ufii haa qabaattuu. Abbaan manaa haadha manaa ufiitiif waan isi'iif ta'u haa godhuufii; akkasuma ammo haati manaa abbaa manaa ufiitii. Haati manaa qaama ufii irratti baallii hin qabdu; baalliin ka abbaa manaa isi'iiti. Akkasuma ammo abbaan manaa qaama ufii irratti baallii hin qabu; baalliin ka haadha manaa isaati. Jabaattanii Rabbiin kadhachu'uuf jettanii wolii galtanii haga henna'aatiif yoo ta'e malee, wol hin dhooggatinaa'a. Uf qabuu dadhabdanii akka seexanni isin hin qorre woliin jiraadhaa'a. Haa ta'uu ammo ani isin gorsu'uuf malee, isin ajaju'uufii miti. Namni maruu uduu akka kiyya ta'ee hin jaaladha. Haa ta'uu ammo namni maruu kennaa badhaadha Rabbi isaaf kenne qaba. Isa tokkoo kennaa kana; isa kaaniif kennaa biraa kenne. Amma worra hin fuunee fi worra hin heerumnee akkasuma haadha hiyyeessaa akka kiyya fuudhaa fi heeruma malee uduu taa'anii misha'a. Haa ta'uu ammo dharra'aan gubachuu irra fuudhu'uu fi heerumuu woyya. Yoo uf qabuu dadhaban haa heerumanii; yookaan haa fuudhanii. Ani kaawwaniinillee akkana jedha, Goofta'aa miti, worra dhiiraa keessaa ka haadha manaa hin amanne qabu yoo jiraate, isiinillee yoo isa woliin jiraatuu jaalatte, akka hin dhiifneen. Ta abbaa manaa hin amanne qabduu yoo jiraatte inni sun yoo isii woliin taa'uu fedhe akka hin dhiifneen. Abbaan manaa hin amanin haadha manaatiin woyyoomeera; haati manaa hin amannellee abbaa manaa ufiitiin woyyoomteerti; akkas ta'uu baannaan ijoolleen isaanii battoota; amma ammo woyyoota. Ka hin amanne ammo yoo fooyame haa fooyamuu; dhiirti yookaan intalti waan kana keessatti hin hidhamin. Rabbi ammo nagayaaf nu waameera. Ati dubartii nana! abbaa manaa kee uduu ka fayyiftu taatee beettaa? Yookaan ati namana! haadha manaa tee uduu ka fayyiftuutii beettaa? Isin maruu akkuma kennaa Gooftaan isinii kenneetii fi akkuma hennaa Rabbi isin waamee jiraattaniititti jiraadhaa'a. Ajanyi ani tokkummaa woldaa Kiristaanaatii kennu kanuma. Namni haga gadoomeen maayii yoo Rabbiin waamame akka nama gadoomee hin ta'in. Yoo uduu hin gadoomne Rabbiin waamamee jiraate, gadoomuun isa hin barbaachisu. Gadoomu'uu fi gadoomuu dhabuun duwwa'a. Ajaja Rabbii eegu'u malee. Namni martinuu akkuma itti waamame sanitti haa jiraatuu. Uduu garbicha taatee jirtu yoo waamamte, womaa miti. Wolaba bayuun yoo sii danda'ame ammo wolabummaa fudhadhu. Garbicha ta'ee ka Goofta'aan waamame, Goofta'aan bilisa; akkasuma bilisa ta'ee ka waamame garbicha Kirstoosiiti. Gati'iin bitamtaniirtan; garbicha namaa hin ta'inaa'a. Obboleeyyan tiyya! Martinuu akkuma itti waamametti akkasuma ta'ee Rabbiin woliin haa jiraatuu. Waan qeerro'ootii fi qeerritti'ii Gooftaan ajaja natti hin kennine. Ani ammo akka nama araara Goofta'aa argatee abdatameetitti gorsa kana isin gorsa. Eeganaa rakkoo ammaatiif kun mishaa natti fakkaata. Namni akkana ta'e yoo jiraate misha'a Yoo haadha manaa fuutee jiraatte hiikuu hin hawwin; haadha manaa yoo hin fuune fuudhuu hin hawwin. Qeerrichi yoo fuudhe cubbuu hin hojjatu. Qeerrittiinillee yoo heerumte cubbuu hin hojjattu. Haa ta'uu ammo adunyaa tana irratti worri fuudhanii fi worri heeruman jireenna isaanii keessatti rakkoo heddu qaban. Ani ammo akka rakkinna kana jalaa baataniif jedhee isin gorsa. Haa ta'uu ammo obboleeyyan tiyya! wonti ani isiniin jedhu kana. Barri gabaabaa ta'eeraa; ammaa achi worri haadha manaa qaban akka waan hin qabnee haa ta'anii. Worri booyanillee akka waan hin boonnee; ka gammadanillee akka waan hin gammannee; worri bitanillee akka waan womaa hin qabnee haa ta'anii. Worri adunyaa tanattillee fayyadaman maruu akka waan hin fayyadamnee haa ta'an. Bifti adunyaa tanaa waan luftuuf. Haa ta'uu ammo akka yaada malee jiraattan jaaladha. Ka hin fuune, Gooftaa attamitti akka gammachiisu waan Goofta'aa yaada. Ka fuudhe ammo attamitti akka haadha manaa ufii gammachiisu waan adunyaa tanaa yaada. Yaanni isaallee qoodameera. Dubartiin hin heerumne yookaan durbii duudaan fooniinillee Ayyaanaan akka woyyoomaniif waan Goofta'aa yaadan. Ta heerumte ammo attamitti akka abbaa manaa ufii gammachiiftu waan adunyaa tanaa yaaddi. Kanallee bu'aa keessaniif jedha; akka ta'utti akka jiraattan uduu hin saatofne Goofta'aan akka dhaabattaniif malee isinitti jabeessu'uuf jedheetii miti. Haa ta'uu ammo namni tokko qaadhima ufii irratti waan mishaa akka hin goone yoo yaade; ta inni qaadhimate sun yoo umuriin isi'ii heerumaaf gaye; fuudhu'uuf yoo murteesse waan jaalate haa godhuu; cubbuu waan hin taaneef wol haa fuudhanii. Uduu hin raafamne yoo kutate ammo waan isa giddisiisu hin qabu; waan jaalate akka godhu eeyyamameeraaf, ta qaadhimate san fuudhuu dhiisu'uuf yoo murteeffate mishaa godhe. Akkasuma ka durba duudaa fuudhe waan mishaa godhe; ka hin fuunellee ka caalu godhe. Dubartiin hennaa abbaa manaa ufii woliin jirtu isaan wolitti hidhamteerti; yoo abbaan manaa isi'ii du'e ammo, Gooftaa haa qabaatuu malee, ka jaalattetti heerumu'uuf wolaba. Akka gorsa kiyyaatitti ammo akkuma jirtutti uduu teettee gammachuu qabdi; anillee waan Ayyaana Rabbii uf keessaa qabu seeya. Waan foon waaqa tolfama'aa kennamee nu martinuu akka beekkumsa qabnu hin beenna. Beekkumsi akka uf maman taasisa. Jaalalti ammo keessa namaatii nagaya keenna. Eennullee waan waa beeku yoo isatti fakkaate, haga beekuu isa barbaachisu hin beenne. Eennullee ammoo Rabbiin yoo jaalate, inni isa biratti ka beekkame. Eeganaa foon waaqa tolfama'aa kenname nyaachuun, waandhi tolfamaan maruu adunyaa kana irratti duwwaa akka ta'ee fi Waaqa tokkicha malee Waandhi biraa akka hin jirre hin beenna. Yoomillee waaqeffatamtoonni hedduu fi gooftonni heddutu jira. Haa ta'uu ammo samii irra ta'ee'e lafa irratti hagamillee worri waaqeffamtoota jedhaman yoo jiraatan, Nuuf wonti martinuu isa irraa nuu ta'e; nullee ka isaa ka taane Waaqa Waaqeffamaa Aabbaa tokkocha qabna. Wonti maruu karaa isaatiin ta'e, nullee worri ka isaa taane Gooftaa tokkocha Yesuus Kiristoosiin qabna. Haa ta'uu ammo, beekkumsi kun namoota maraa biratti hin argamu, gariin ammo haga ammaa waan waaqa tolfamaa barataniif ka waaqa tolfama'aaf woreegame jedhan waan nyaataniif sammuun isaanii dadhabaa waan ta'eef hin xuraaya. Nyaanni ammo gara Rabbii nu hin dhiyeessu. Yoo hin nyaannellee womaa nu hin miidhu; yoo nyaannellee womaa bu'aa nuuf hin qabu. Haa ta'uu ammo, bilisa ta'uun keessan dadhabdootatti akka gufuu hin taane uf eegaa'a. Ati ka beekkumsa qabdu, nyaata mana waaqa tolfama'aa bira uduu teettu uduu namni tokko si argee, namni sun uduu dadhabaa ta'ee, ka waaqa tolfama'aaf dhiyaatu san nyaatu'uuf hin kajeeluu? Ka beekkumsa keetiin dadhaba'aan bada'a jettu; inni kun obboleessa Kiristoos du'eef. Eegasuu obboleeyyan yakka'aa; sammuu isaanii dadhabaa madeessa'aa, Kiristoosiin yakkitan. Kanaafuu yoo nyaanni ka obbooleessa kiyya gufachiisu ta'e, obboleessa kiyya akka hin gufachiifne sirimaa baraa haga bara baraatitti foon hin nyaadhu. Ani wolabaa mii? Ergama'aa mitii? Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin hin arginee? Isinillee Goofta'aan hujii kiyyaa mitii? Chaappaan ergamummaa kiyyaa Goofta'aan isin waan taataniif yoma kaawwaniifillee ergamaa hin taane, isiniif garuu dhugamaan ergama'a. Worra «Mirga ergamumma'aa hin qabdu» jedhanii na qoraniifillee deebiin kiyya kana; Nyaachu'uu fi dhuguu mirga hin qabnuu? Akka ergamtoota kaawwanii akka obboleeyyan Goofta'aatii fi akka Keefa'aa haadha manaa teenna ta amante qabannee deemuu mirga hin qabnuu? Moo namni waa argachu'uuf xaaru anumaa fi Barnaabaasiin calla'a? Sirima namni birrii ufiitiin loltuu ta'ee tajaajilu eennu? Yookaan woyinii dhaabee ka daraaraa hin nyaanne eennu? Yookaan horii tissa'aa ka aannan hori'ii hin dhunne eennu? Kana baallii namaa calla'aan jedhaa? Seerrillee akkana hin dubbatuu? «Qotiyyoo midhaaniin dhooftu afaan hin hidhin» jedhamee Seera Muuse'ee keessatti barreeffameera. Wonti qotile'ee Rabbiin garaa hin nyaatuu? Ka kana jedha'aaru sirima waan keennaafii mitii? ka qotu abdi'iin akka qotu, qotiyyoon qotullee ka qote irraa akka nyaatu kun maruu qooda midhaanii akka argatu abdata'aa haa hojjatuu. Nu waan jireenna Ayyaanaa yoo isinii facaafne, waan jireenna fooniitiif ta'u isin irraa yoo arganne waan gudda'aa? Yoo ka worri biraa isin irraa mirga gargaarsaa qoodaman ta'e, nu mirga kana caalu attamitti hin qabaanne ree? Waa maraa hin obsina malee mirga kanatti hin fayyadamne. Worri mana woyyuu keessa tajaajilan hurbaataa ufii akka mana woyyuu irraa argatan worri mi'a kenna'aatitti kennaa dhiyeessan akka qooda kenna'aa argatan hin beettanii? Akkasuma ammo worri Dubbii Nagayaa himan waan ittiin jiraatan hujii kana irraa akka argatan Gooftaan seera kaayeera. Ani ammo kanniin maraa irraa womaa hin fayyadamne. Akkana akka naaf ta'uuf kana hin barreessu. Eennullee waan ani ittiin boonu ka duwwaa na jalaa godhee mannaa du'a naa woyya. Yoo Dubbii Nagayaa lallabe waan ittiin uf jaju hin qabu. Kana wonti godhuuf waan giddii kiyya ta'eef; yoo Dubbii Nagayaa hin lallabne naa aanne'e! Kana yoo fedha kiyyaan godhe ammo mindaa waan qabuuf. Fedha malee yoo godhe ammo, hujiin sooru'uu kun yaboo cima'atu natti kennameera. Eeganaa mindaan kiyya maali'i? Dubbii Nagayaa lallaba'aa mirga Dubbii Nagayaa irraa qabu maraa akka hin fayyadamne Dubbii Nagayaa gatii malee dubbadha. Ani nama maraa irra ka wolaba baye yoo ta'u, heddu fayyadu'uuf maraayyuu akka garbichaa ta'a. Worra Yihuudotaallee fayyadu'uuf Yihuudii woliin akka worra Yihuudi'ii ta'e; worra seera jala jiran fayyadu'uuf, ani mataan kiyya seera jala uduu hin taane worra seera jala jiraniif akka nama seeraa gadi jiruu ta'e. Worra seera hin qabne fayyadu'uuf, seera Rabbiitiin uduu hin jiraanne, haa ta'uu ammo seera Kiristoosii jala uduu jiru, worra seera hin qabneef akka waan seera hin qabnee ta'e. Worra dadhaban fayyadu'uuf akka worra dadhaba'aa ta'e. Karaa maraanuu gari garii fayyisu'uuf maraa woliin waan maraanuu akka isaanii ta'e. Dubbii Nagayaa keessatti hirmaataa ta'u'uuf, waan Dubbii Nagayaatiif maraa godha. Hulee wol morkii fiigichaatitti namni maruu hin fiiga. Haa ta'uu ammo ka badhaafamu tokkicha akka ta'e hin beettanii? Isinillee akkasuma akka badhaasa argattan fiigaa'a. Ka wondhaansa bayu maruu waan maraanuu nafa ufii hin eeggata. Kunniin kennaa badu argachu'uuf; nu ammo ka hin banne argachu'uuf. Kanaaf ani akka worra kaayyoo malee fiiguutitti hin fiigu; akka nama qilleensa qabuu maraafuu akkanumaan hin dadhabu. Haa ta'uu ammo kaawwanitti haga himeen maayii ufii nama gatame akka hin taane foon kiyya adaba'aa akka ajajamu godha. Obboleeyyan tiyya! Kana akka beettan barbaada; Abboonni teenna maruu duumessa jala turan; maruu galaana wodhakkaa ceeyan. Maruu Muuse'een wol fakkaachu'uuf duumessaa fi galaanaan cuuphaman. Maruu nyaata Ayyaanaa san nyaatan; maruu dhuddoo Ayyaanaa san dhugan. Marti isaaniituu mijuu Ayyaana bifa tokkoo dhugan; dhuddoon irraa dhuganillee dhagaa siida'aa ka faanaa deema'aa turan san; dhagaan sunillee Kiristoos. Rabbi ammo worra baay'innaan isaan caalu sanniinitti hin gammanne; waan lafa gammooji'iititti kufaniif. Isaan kunniinillee akkuma waan hamaa dharra'an, nullee akkasuma akka hin dharraane, Kun fakkeenna nuu ta'e. Akkuma, «Baniin nyaachu'uu fi dhugu'uuf taa'anii sirbu'uuf ka'an» jedhamee barreeffame isaan keessaa gari gariinillee akkasuma godhe; isinillee worra waaqa tolfamaa waaqeffatu hin ta'inaa'a. Isaan keessaallee gari gariin akkuma seebaran guyyaa tokkotti kumni dhibba sadihii fi kumaatamaa olii akkuma kufan, nullee akka hin seebarre. Akkuma isaan keessaa gari gariin Gooftaa qoranii bofaan dhuman, nullee akka Gooftaa hin qorre. Isaan keessaa gari gariin akkuma gururi'anii waan balleessuun badan hin gururi'inaa'a. Kun maruu fakkeenna akka nuu ta'uuf isaan irraa nu bira gaye; nu worra bara dhumaa kana keessa jirruuf akka uf eeggannuuf nuu barreeffame. Kanaaf ka waan dhaabate itti fakkaate akka hin kufne uf haa eeguu. Qormaata nama maraa irratti ta'uun ala qormaanni woyiituu isin irra hin geenne; haa ta'uu ammo haga dandeettan caalaa akka qoramtan Rabbiin hin eeyyamne amanama'a. Akka obsuu dandeettan qorumsa woliin karaa baataniinillee isinii qopheessa. Kanaaf obboleeyyan tiyya! waaqa tolfamaa waaqeffatuu irraa fagaadhaa'a. Waan qalbii qabdaniif kana jedha; waan ani jedhutti isinuu murteessaa'a. Mijuun eebbifnu ka eebbaa dhiiga Kiristoosii woliin ka tokkummaa qabuu mii? Xoroshoon cabsannu foon Kiristoosii woliin ka tokkummaa qabuu mii? Xoroshoon tokko waan ta'eef, nullee worra xoroshoo tokko san irraa qoodamu waan taaneef, hagamillee heddu yoo taane nu nafa tokkocha. Waan Israa'el namumma'aan godhe laalaa'a. Worri ciincaa nyaatan sunniin worra hulee ciinca'aa irraa qoodamuu mii? Eeganaa maal jedha? ciincaa waaqa tolfama'aa waan bu'aa hin qabneef jedhaa? mo'o waaqa tolfamaa waan bu'aa hin qabne akka ta'u jedhaa? Miti. Haa ta'uu ammo worri Yihuudii hin taane ka ciinceessan jinni'ii akka ta'uuf malee, Rabbii akka hin woreenne jedha; jinnii woliin akka tokko taatan hin jaaladhu. Mijuu Goofta'aatii fi ka jinni'ii qixa dhuguu hin dandeettan; nyaata Goofta'aatii fi nyaata jinni'ii qixa qoodamuu hin dandeettan. Moo Gooftaa haa hinaafsifnuu? Nu isa caalaa jabaannaa? Maruu naa eeyyamameera; maruu ammo hin fayyadu. Maruu naa eeyyamameera; Haa ta'uu ammo ka keessa namaa qulqulleessuu miti. Namni maruu bu'aa gosho'oo ufiitiif malee tokkollee waan ufii hin barbaadin. Waan gabayaa fooniititti gurguramu maraa uduu hin shakkine nyaadhaa'a. «Ka lafaa fi lafa irra guute maruu ka Goofta'aa waan ta'eef.» Worra hin amanne keessaa tokkollee yoo isin waame dhaquu yoo barbaaddan yaada keessaniin uduu hin shakkine waan isinii dhiyeessan maraa nyaadhaa'a. Namni tokkollee «kun ciincaa waaqa tolfama'aaf dhiyaate» yoo isiniin jedhe; sababa namichi waan san isinitti himeef sababaa shakkii qalbii teessaniitiif hin nyaatinaa'a. Yaada hiriyyaa keetiitiif malee yaada mataa keetiitiif hin dubbadhu. Wolabummaa kiyya irratti yaada nama biraatiin na irratti murteeffamaa? Anillee yoo badhaadha Rabbiitiin nyaadhe, waan itti galatoonfadhuuf maaf arrabama? Eegasuu waan dhuddanii fi waan nyaattan yoo ta'e yookaan waan kamiinillee yoo gootan, waa maraa ulfinna Rabbiitiif godhaa'a. Ani ammo hedduun isaanii akka fayyaniif bu'aa isaaniitiif malee, bu'aa kiyya uduu hin barbaanne; waa maraanuu nama maraa akka gammachiisu Yihuudii, namoota Giriikiitii fi woldaa Kiristaanaa ta Rabbiitittillee gufuu hin ta'inaa'a. Akka ani Kiristoosiin fakkaadhu isinillee na fakkaadhaa'a. Obboleeyyan tiyya! Waa maraanuu waan qaabattan, waan ani isin barsiise waan qaabattaniif isin galatoonfadha. Haa ta'uu ammo mataan dhiiraa Kiristoos; mataan dubarti'ii dhiira; mataan Kiristoosii Rabbiin ta'uu akka beettan fedha. Dhiirti haguuggatee Rabbiin kadhatu, yookaan ka raaga dubbatu maruu uf salphisa. Akkasuma dubartiin uduu hin haguugganne Rabbiin kadhattu, yookaan ta raaga dubbattu maruu uf salphifti. Kun akka waan mataa ufii haadatteetitti laakkayama. Dubartiinillee mataa ufii uduu hin haguugganne, rifeensa ufii yoo hin dhoffanne ammo haa cirattuu, dubarti'iif ammo rifeensa murachuun, yookaan haadachuun ka saalfachiisu yoo ta'e rifeensa ufiititti haa haguuggattuu. Dhiirti worra fakkeennaa fi ulfinna Rabbii mudhisan waan ta'aniif, mataa ufiititti hin haguuggatin; dubartiin ammo ulfinna dhiiraati. Dubarti'itu dhiira irraa argame malee dhiirti dubartii irraa hin argamne. Akkasuma dubartiin dhiiraaf uumamte malee, dhiirti dubarti'iif hin uumamne. Dubartiin takka sababa kanaaf Maleekkaa Rabbii afo'otti baallii jala jiraachuu isi'ii mudhisu'uuf, haguugguu mataa irraa qabaachu'utu ta'aaf. Haa ta'uu ammo Gooftaa biratti dubartiin dhiira malee, dhiirtillee dubartii malee hin jiraatan. Akkuma dubartiin dhiira irraa argamte akkasuma dhiirtillee dubartii irraa dhalatte; maruu Rabbiin irraa argaman. Isinummaan uf jiddu'utti murteessaa'a. Dubartiin rifeensa ufii uduu itti hin haguugganne Rabbiin kadhachuun hin ta'aa? Dhiirti rifeensa uduu dheeressee akkuma salphinna ta'e, dubartiin ammo uduu rifeensa guddifatte ulfinna akka isi'ii ta'u uumamninuu isin hin barsiisuu? Rifeensi ulfinna akka isi'ii ta'u waan kennameeruuf. Haa ta'uu ammo eennullee mormuu yoo fedhe nu'u yookaan woldaan Kiristaanaa ta Rabbii aadaa akkanaa kana hin qabnu. Haa ta'uu ammo hennaa wol geettan waan bada'aaf malee, waan misha'aaf waan hin taaneef ajaja kana yoo isinii kennu isin hin galatoonfadhu. Dura hennaa gara Woldaa Kiristaanaa dhuftan, isin jiddu'utti wol qoqqooduun akka jiru waan dhagaya'aaruuf karaa tokkoon hin amana. Isin biratti worri qoraman akka saaxilaman isin jiddu'utti akkasuma ta'uun giddi'i. Eeganaa hennaa wol geettan wonti nyaattan hurbaata Goofta'aatii miti. Hennaa nyaataa maruu hurbaata ufii waan nyaatuuf tokko hin beelaya, tokko ammo hin machaaya. Manniin itti nyaattaniif itti dhuddan hin qabdanii? Mo'o Woldaa Rabbii tuffattan? worra waa hin qabne hin saalfachiiftanii? Ani maal isiniin haa jedhu? Waan kanatti isin haa galatoonfadhuu ree? Isin hin galatoonfadhu. Waan Isinitti dabarsee kenne ani Gooftaa irraa fudhadheera. Galgala gaafa Gooftaan Yesuus dabarfamee kenname xoroshoo kaasee galatoonfatee cabsee, «[Hoo'aa nyaadhaa'a] Kun foon kiyya ka isinii ta'uu; kana ittiin na qaabadhaa'a» jedhe. Akkasuma hurbaataan maayii mijuu ol fuudhee, «Mijuun kun waadaa dhiiga kiyyaan ta'u ka waadaa haarawaati; hennaa dhuddan maraa kana yaadannoo kiyyaaf godhaa'a» jedhe. Hennaa xoroshoo kana nyaattanii fi mijuu kana dhuddan maraa haga Gooftaan deebi'ee dhufutti waan du'a isaa labsitan. Kanaafuu uduu isaaf hin malle ka xoroshoo kana nyaate, yookaan ka mijuu Goofta'aa dhuge maruu gatiin foonii fi dhiiga Goofta'aa isa irra jira. Namni uf qoree xoroshoo san haa nyaatuu; mijuullee haa dhuguu. Ka uduu isaa hin malle nyaatee dhuge, foon Goofta'aa waan gargar hin baafneef uf irratti murteessee nyaata'aa dhuga. Kanaaf worri isin biratti dadhabanii fi worri dhibaman namoonni hedduu hin jiran. Namoonni hedduunillee du'aniiran. Dura uduu uf qorree silaa nutti hin murteeffamu. Haa ta'uu ammo hennaa nutti murteeffamu, adunyaa woliin akka nutti hin murteeffamne Gooftaan nu gorsa. Kanaaf obboleeyyan tiyya! Hennaa nyaataaf wol geettan wol eegaa'a. Eennullee yoo beelayee jiraate, hennaa wol geettan akka murtii isinitti hin taane mana ufiititti haa nyaatuu; waan hafellee hennaa dhufe isinitti hima. Obboleeyyan tiyya! Waan Ayyaana Woyyu'uu akka beettan fedha. Akkuma hennaa worra Yihuudota hin taane turtan, gara waaqa tolfamaa laagaa hin qabnee masakkama'aa turuu keessan hin beettan. Kanaafuu eennullee Ayyaana Rabbiitiin yoo dubbatu, Yesuus ka abaarame ka jedhu tokkollee akka hin jirre; Ayyaana Woyyu'uun yoo ta'e malee tokkollee, «Yesuus Goofta'a» jechuu akka hin dandeenne isin beessisa. Kennaan badhaadhaa adda adda; Ayyaanni ammo tokko. Tajaajilli adda adda; Gooftaan tokko. Akkaataan hujii isaa adda adda; Rabbiin maraa godhu ammo tokko. Haa ta'uu ammo kennaan Ayyaanaa ka nama maraa keessatti mudhatu bu'aa nama maraatiif kennama. Tokkoo ogummaa dubbachuu Ayyaanaan kennamaaf; tokkoollee Ayyaanuma saniin beekkumsaan dubbachuun kennamaaf. Tokkoo Ayyaanuma saniin amantaa, tokkoollee Ayyaanuma tokko saniin kennaa fayyisu'uu, Tokkoo maalalee godhuu'u, tokkoo raaga dubbachuu, tokkoo ayyaana hamaa adda baasuu, tokkoo laagaa adda addaa dubbachuu, tokkoo ka laagaa addaatiin dubbatame hiikuun kennamaaf. Kana maraa ammo Ayyaanni tokko sun akka fedha ufiititti qooda'aa hojjata. Akkuma nafti tokko qaama heddu qabu, qaamonni nafaa maruu uduu heddu ta'aniiran qaama tokko akka ta'an; Kiristoosillee akkasuma. Yihuudii yoo taane, namoota Giriikii yoo taane, garboota yoo taane, wolabootallee yoo taane, nu maruu Ayyaana tokkoon qaama tokko akka taanu waan cuuphamneerruuf; nu maruu Ayyaana tokko keessaa dhunneerra. Nafti qaama heddu malee qaama tokko waan hin taaneef. Lutti yoo harkaan, «Ani harka miti; qaama nafaatiillee miti» jette; akkas jette'eef kutaa nafaa ta'uun isi'ii hin hafaa? Gurrillee, «Ani ija waan hin taaneef, qaama nafaatii miti» uduu jedhee, kana jedhe'eef kutaa nafaa ta'uun isaa hin hafaa? Nafti maruu uduu ija ta'ee silaa dhagayuun eessa jira? Maruu uduu gurra ta'ee, silaa maali'iin ulanna? Amma ammo Rabbi akka fedha ufiititti qaamolee san adduma addaan nafa irra godheera. Maruu uduu qaama tokko ta'ee, nafti silaa eessaa argamaa? Haa ta'uu ammo amma qaamoleen heddu; nafti ammo tokko. Ijji harkaan «na hin barbaachiftu» jechuu hin dandeettu; yookaan mataan akkasuma lukaan, «na hin barbaachiftan» jechuu hin danda'u. Haa ta'uu ammo qaamni namaa ka dadhabaa fakkaatan nafa caalaa barbaachisan. Qaamolee nafaa worra hin kabajjamne ka nutti fakkaatan, ulfinna caalu isaanitti uwwifna. Qaama keenna ka ittiin saalfannu ammo ulfinnatu isaanii eda'ama. Qaamoleen keenna ka ulfinna qaban ammo isaan hin barbaachisu. Haa ta'uu ammo qaamoleen ufii sirri'itti akka wolii yaadaniif malee, nafaan akka gargar hin baaneef qaama kanniinii waan hanqate ulfinna caalu kenna'aa Rabbi akkanaan nafa wolitti qamashe. Qaamni tokkollee uduu rakkatee qaamni maruu isa woliin rakkatan; qaamni tokko yoo ulfinna argate qaamni maruu isa woliin gammada. Isinillee nafa Kiristoosiiti; isin maruu qaama isaati. Kanaafuu Rabbi namni maruu woldaa Kiristaanaa keessatti akka tajaajila gara garaatiin tajaajilu godhe; akka kanaan jalqaba ergamtoota, lammeessoo raattota, sadeessoo Barsiisota muudeera; kanatti aansee worra maalalee godhu, kennaa fayyisu'uu, worra gargaaru, bulchiinsaa fi laagaa adda addaa kenneera. Maruu ergamootaa? Maruu raattotaa? Maruu barsiisotaa? Maruu maalalee hujanii? Maruu keennaa fayyisu'uu qabanii? Maruu laagaa addaatiin dubbatanii? Maruu hin hiikanii? Haa ta'uu ammo kennaa badhaadhumma'aa ka maraa caalu jabaadha'aa barbaadaa'a; Akkasuma karaa waa maraa caalu isinitti mudhisaa. Laagaa addaa ka namootaatii fi ka maleekkotaatiinillee yoo dubbadhe, jaalala ammo yoo hin qabaanne, akka sibiila shaka shaka jedhuuti. Raaga dubbachuu yoo qabaadhe, dhossaa maraa fi beekkumsa maraa yoo beeke, haga gaarran hule'ee kaasutti amantii maraa yoo qabaadhe, jaalala ammo yoo hin qabaanne duwwa'a. Hiyyeeyyii nyaachisu'uuf waan qabu maraa yoo qoode, foon kiyyallee yoo ibiddaaf kenne, jaalala ammo yoo hin qabaanne womaa hin fayyadu. Jaalalti hin obsiti, hin arjoomti, jaalalti hin hinaaftu, jaalalti uf hin jajju, Waan hin taane hin hojjattu, waan ufii hin barbaaddu, hin biibboftu, hin aartu, gadoo hin laakkayattu. Dhuga'atti gammaddi malee waan hammeennaa irratti hin gammaddu. Maraa obsiti, maraa amanti, maraa abdii godhatti, waa maraa hin ciniinnatti. Jaalalti hennaa maraa hin kuftu, raaguun ammo hin hafa, laagaa haarawwaniin dubbachuun hin hafa, beekkumsallee yoo ta'e hin bada. Wonti nu beennu hago'o, raaga keessaallee hagoo waan dubbannuuf. Inni guutuun yoo dhufe, hagoon sun hin hafa. Hennaa ijoolle'ee akka ijoolle'ee dubbadha, akka ijoolle'ee yaada, akka ijoolle'eetitti laakkaya; haga ka'imoome ammo amala kiyya ka ijoollumma'aa dhiiseera. Adha akka waan uf argaa dimimmisaa keessa laaluuti; hennaa san ammo addaata'atti wol argina. Wonti amma beeku hago'o. Hennaa san ammo anillee akkasuma akka beekkame hin beeka. Yoo akkana ta'e amantiin, abdiinii fi jaalalti sadiin kunniin jabaatanii jiraatan, kanniin maraa ka caalu jaalala. Jaalala faanaa deemaa'a; kennaa Ayyaanaa keessattuu raaga dubbachuu jabaadha'aa barbaadaa'a. Ka afaan haarawa dubbatu Rabbiif malee namaaf hin dubbatu; ka hubatu hin jiru, Ayyaanaan ammo dhossaa dubbata. Ka raaga dubbatu ammo ijaaru'uuf, gorsu'uuf, jajjabeessu'uuf namatti dubbata. Ka afaan haarawa dubbatu uf ijaara. Ka raaga dubbatu ammo woldaa Kiristaanaa ijaara. Isin maruu akka afaan haarawaan dubbattan fedha; Kana caalaa uduu raaga dubbattanii fedha; akka woldaan Kiristaanaa ijaaramutti yoo dubbii hin hiinne afaan haarawaan ka dubbate irra ka raaga dubbatutu caala. Amma ammo obboleeyyan tiyya! Gara keessan dhufee uduu afaan haarawa dubbadhee, mudhata, yookaan beekkumsa, yookaan raaga, yookaan barumsa yoo isinitti hin himne maal isin fayyada. Wontoonni akka booba'aa, kiraari'ii ka lubbuu hin qabne laagaa dhageessisee garaagarummaa sagalee isaanii attamiin beekuu danda'ama? Akkasuma xurumbaan laagaan isaa addaan bayee yoo hin beekkamne eentu lolaaf qophaaya ree? Akkasuma isin ammo dubbii hubatamaa afaaniin yoo hin dubbanne namoonni waan isin dubbata'aartan attam godhanii hubatan? Nama qilleensatti dubbate waan taataniif. Adunyaa irra maal laataa afaan laakkobsaa oliititu jira. Afaan hiikkaa hin qabne hin jiru. Eeganaa yoo ani hiikkaa afaan sanii hin beenne, namicha itti dubbata'aarutti keessummaa ta'a. Anaa dubbadhuullee keessumma'a. Akkasuma ammo isin worra kennaa Ayyaana woyyu'uu jabeessitanii barbaaddan yoo taatan woldaa Kiristaanaa jabeessu'uuf akka isinii badhatu barbaadaa'a. Kanaaf ka afaan haarawa dubbatu akka hiiku Rabbiin haa kadhatuu. Ani afaan haarawaan yoo Rabbiin kadhadhu Ayyaana kiyyatu kadhata; sammuun kiyya ammo womaa hin qabu. Eeganaa maal godhuu? Ayyaanaan Rabbiin kadhadha; Akkasuma sammu'uunillee Rabbiin kadhadha; Ayyaanaan hin faarfadha; akkasuma sammu'uunillee hin faarfadha. Akkana yoo hin taane, yoo ati Ayyaanaan eebbiftu, namni hin baranne taa'ee waan ati jedha'aartu yoo hin beenne, «Attam godhee galata keetii Amiin» jedha? Ati akka misha'atti galatoonfatta; ka biraa ammo waan kanniiniin hin jajjabaatu. Ani isin maraa caalaa afaan haarawaan waan dubbadhuuf Rabbii kiyya hin galatoonfadha. Haa ta'uu ammo kaawwan akkasuma barsiisu'uuf woldaa Kiristaanaa keessatti dubbii hagaa olii afaan haarawaan dubbachu'uu mannaa dubbii shanii sammuu kiyyaan dubbachuu jaaladha. Obboleeyyan tiyya! Sammu'uun daa'imman hin ta'inaa'a. Waan dharaatiif daa'imman ta'aa'a; worra sammu'uun bilchaattan ta'aa'a. Akkana jedhamee seera keessatti barreeffameera. «‹Afaan haarawa namoota dubbataniif, afaan biraatiin banii kanatti hin dubbadha; akkanallee ta'ee naa hin dhagayan› jedhe Gooftaan.» Eeganaa afaan haarawaan dubbachuun worra hin amanneef malkata malee, worra amananiifii miti. Raaga dubbachuun ammo worra amaneef malee worra hin amanneefii miti. Eeganaa woldeenni Kiristaanaa maruu wol gayanii yoo afaan haarawaan dubbatan namoonni hin baranne, yookaan hin amanne uduu seenanii, «Maraataniiran» hin jedhanii? Uduu maruu raaga dubbatanii ammo ka hin amanne, yookaan namni hin baranne uduu seenee maruu cubbuu ufii hubatee gaabba; waan maraa hin qorata. Waan garaa isaatitti dhokkatellee hin ibsa; akkasuma, «Dhugamaan Rabbi isaan jidduu jira» jedhee dubbata'aa afo'otti kufee Rabbii sagada. Eeganaa obboleeyyan tiyya! maali'i? Hennaa wol geettan maraafuu faaruu, barumsa, mudhata, afaan haarawaan dubbatu'uu fi ka hiikullee maruu ijaaru'uuf haa ta'u. Ka afaan haarawa dubbatu yoo jiraate, lama yookaan yoo guddate sadihi ta'ee kore koree haa dubbatanii; tokko ammo haa hiikuu. Yoo ka hiiku hin jiraanne ammo woldaa Kiristaanaa wodhakka'atti cadhisee ufii Rabbiin woliin haa dubbatuu. Raattonni lama yookaan sadihi ta'anii haa dubbatanii, kuuwwan ammo adda isaanii haa baasanii. Worra achi taa'an ka biraatitti wonti tokko yoo isaa ifeef ka duraa haa cadhisuu. Maruu akka baratuuf, maruu akka gorfamuuf raaga dubbachuu hin dandeettan. Ayyaanni raattotaa raattotaaf ajajama; Rabbii Waaqa nagayaati malee Waaqa wocaa waan hin taaneef. Woldaa Woyyuu Kiristaanaa marattuu akkanuma. Dubartoonni woldaa Kiristaanaa keessatti haa cadhisanii. Seerri akkasuma akka jedhu akka ajajamtaniif malee akka dubbatan waan isaanii hin eeyyamamneef. Dubarti'iif woldaa Kiristaanaa wodhakka'atti dubbachuun fokkuu waan ta'eef yoo woma kamuu baratuu fedhan mana ufiititti abbaa manaa ufii haa gaafatanii. Maali'i? Dubbiin Rabbii isin biraa dhufee? Yookaan gara keessan callaa gayee? Eennullee raaga yookaan nama Ayyaanaa waan ta'e yoo itti fakkaate ka isinii barreesse kun ajaja Goofta'aa akka ta'e haa beekuu. Eennullee namni kana hin beenne yoo jiraate inninuu hin beekin. Kanaaf obboleeyyan tiyya! Raaga dubbachu'uuf jabeessa'aa barbaadaa'a; afaan haarawaan dubbachuu hin dhoogginaa'a. Haa ta'uu ammo maruu haalaa fi seeraan haa ta'uu. Obboleeyyan tiyya! Ka ani isinitti lallabe, ka isinillee fudhattanii ittiin dhaabattan, akkasuma dubbii Rabbii ka fayyitaniin isin yaadachiisa. Yoo duwwaa amantan malee dubbii attamiitiin akka isinitti lallabe isin qaabsisa. Ani waan fudhadhe waan maraa dura dabarsee isinii kenne, akkuma kitaabni jedhu; Kiristoos waan cubbuu keennaatiif du'ee awwaalame; akka kitaabni jedhe guyyaa sadeesso'ootitti ka'ee, Keefa'atti mudhate; achiin maayii kudha lamaanittuu mudhate. Achiin maayiillee obboleeyyan dhibba shanii caalanitti hennaa tokkoon mudhate. Isaan keessaallee garri caalu haga ammaa hin jiran. Gari gariin ammo du'aniiran. Achiin maayii Yaaqoobii fi ergamtoota marattuu mudhate. Maraayyuu maayessa ammo, ana ka akka nama hennaa malee dhalateetitti laakkayamutti mudhate. Ani ergamtoota maraayyuu gadi waan ta'eef, Woldaa Kiristaanaa ta Rabbii waan ari'eef, ergamaa jedhamee waamamuun naaf hin ta'u. Haa ta'uu ammo, ani ka badhaadha Rabbiitiin ergame. Badhaadhummaan naa kennamellee duwwaa hin turre; isaan maraa caalaa ammo natu dadhabe; Haa ta'uu ammo badhaadhummaa Rabbii ka na woliin jiru malee anaa miti. Eegasuu anii fi isaanillee sanuma lallabna; isinillee ka amantan sanuma. Kiristoos du'aa akka ka'e yoo ka himamu ta'e, isin keessaa gari gariin du'aa ka'uun hin jiru attamitti jedhan? Du'aa ka'uun worra du'ee yoo hin jiraanne Kiristoosillee du'aa hin kaane kaa? Kiristoosillee du'aa yoo hin kaanee, eeganaa lallabni keenna duwwa'a. Akkasuma amantiin keessanillee duwwa'a. Akkasuma maruu Kiristoosiin jiraattota waan ta'aniif. Akkasuma Kiristoosiin du'aa kaaseera jennee Rabbii waan ranneef, sobdoota ragaa Rabbii taanee argamneerra. Worri du'an yoo ka du'aa hin kaane ta'e, isa hin kaafneen. Worri du'an yoo ka hin kaane ta'e, Kiristoos hin kaane kaa? Kiristoosillee yoo hin kaanee amantiin keessan duwwa'a. Isinillee haga ammaa cubbu'uun jiraattan. Eegasuu worri Kiristoositti amanee du'e badeera jechu'u. Jireennuma tana calla'aan yoo Kiristoosiin abdii godhanneerra ta'e, namoota maraa caalaa nu nama womaa hin beenne ka gaddaniif. Amma ammo Kiristoos worra du'anii hangafa ta'ee du'aa ka'eera. Duuti karaa namaatiin waan dhufteef du'aa ka'iinsi worra du'ee karaa nama tokkootiin dhufte. Akkuma namni maruu karaa Aadamiitiin du'an; akkasuma maruu Kiristoosiin jiraattota waan ta'aniif. Haa ta'uu ammo maruu kore kore'een ta'a. jalqaba Kiristoosii hangafticha, achiin maayessa yoo Inni dhufe worra ka Kiristoosii ta'an. Henna'aan maayii jeennata isaa Rabbi Abbaa isaatii dabarsee hennaa kenne, bulchiinsaa fi baallii maraa haga diigeen maayessa dhuma baraa ta'a. Haga diintota isaa maraa luka isaa jala godhuufiif jeennanni ta isaati. Diinni maayii diiggamu du'a. «Maraa waan luka isaa jala godheeruuf» Haa ta'uu ammo, «Godheera yoo jedhu; Rabbii waan maraa luka isaa jala godhe san akka hin eda'anne kun addaata'a. Wonti maruu haga baallii Kiristoosii jala ta'een maayii, Ilmillee Rabbii waa maraa isa jala godhe san jala uf taasisa. Rabbillee waa maraa guutumatti bulcha. Kana yoo ta'uu dhabaate, waan worra du'eetiif jedhanii worri cuuphaman bu'aan isaanii maali'i? Worri du'ellee sirima yoo ka hin kaane ta'e, bikka isaaniitiif worri cuuphaman maali'iif? Nullee hennaa maraa maaf jireenna nama sodaachisu keessa jiraanna ree? Boona Gooftaa kenna Yesuus Kiristoosii fi isiniin qabuun kakata'aa, obboleeyyan tiyya ani guyyaa guyyaan du'a. Akka namaatitti Efesoonitti bineensa woliin yoo wondhaansa baye, yoo ka worri du'e hin kaane maal na fayyada? «Boru waan duunuuf haa nyaannee dhunnuu?» Hin wollaalinaa'a! «Goshoon hamaan amala mishaa namaa balleessa» Qajeellumma'aan dammaqaa'a. Cubbuullee hin hujinaa'a; worri Rabbiin hin beenne waan jiraniif, isin saalfachiisu'uuf kana jedha. Haa ta'uu ammo, «Worri du'e attamitti ka'an; nafa attamiitiin dhufan?» Ka jedhu hin jiraata ta'a. Ati gowwaa, sanyiin ati facaaftu uduu hin duune jiraataa hin ta'u. Qamadii facaafta yoo ta'e, ka bifa biraa irraa tokko yoo ta'e, ka facaaftu diqqo'o malee, ka facaaftu ka nafa ta'uu miti. Rabbi ammo akkuma jaalate nafa keenna maraa isaan ittisuu akkuma gosa isaaniititti sanyii nafa ufii isaanii kenna. Foon maruu tokkoo miti. Foon namaa ammo tokko; foon hori'ii ka biraati; foon simbiraa ka biraati; foon qurxummi'iillee ka biraati. Akkasuma nafti sami'iillee jira, nafti lafaa jira; haa ta'uu ammo ulfinni nafa sami'ii adda; ulfinni nafa biyya lafaallee adda. Ulfinni adu'uu tokko, ulfinni ji'aa ka biraati, ulfinni urjiiwwanii ka biraati, ulfinni urjii tokkoo urjii biraa irraa adda. Du'aa ka'uun worra du'aniillee akkanuma, shamnanaan facaafama; qaama hin shamneen ka'a. Salphinnaan facaafama; ulfinnaan ka'a. Dadhabbi'iin facaafama; jabeennaan ka'a. Nafa uumamaatiin facaafama, nafa ayyaanaatiin ka'a. Nafti uumamaa yoo jiraate; nafti ayyaanaallee akkasuma hin jira. Akkasuma ammo, «Namni duraa Aadam lubbu'uun jiraataa ta'e» jedhamee barreeffameera, Aadamiin maayessaa ammo Ayyaana jireenna kennu ta'e. Haa ta'uu ammo firrisee ka uumamaa, itti aannee ka Ayyaanaati malee dura ka Ayyaanaatii miti. Namni dura lafa irraa waan uumameef ka lafaati, namni lammeesso'oo ammo samii irraa dhufe. Worri lafa irraa akkuma nama biyya lafaa san; worri samii irraa dhufan akkasuma nama samii irraa dhufe san. Akkuma bifa nama lafa irraa uumamee san uffanne, akkasuma nafa nama sami'iillee hin uffanna. Haa ta'uu ammo obboleeyyan tiyya! Akkana jedha; foonii fi dhiinni jeennata Rabbii dhaaluu hin danda'an; ka shamullee ka hin shamne hin dhaalu. Mee dhossaa tokko isinitti hima. Nu maruu hin duunu; haa ta'uu ammo yoo xurumbaan maayessaa afuufame nu maruu akkuma tasaa haga limsuu ijaatitti hin jijjiiramna, xurmbaan waan afuufamuuf worri du'ellee ka hin shamne ta'anii ka'an; nullee hin jijjiiramna. Kun ka shamu, ka hin shamne uffachu'uuf, ka du'u kunillee ka hin duune uffata. Haa ta'uu ammo ka shamu kun ka hin shamne yoo uffatu, ka du'u kunillee ka hin duune yoo uffatu hennaa san dubbiin, «Duuti mooyatamu'uun liqimfame» jedhamee barreeffame hin raawwatama. Akkasuma, «Du'a! woraanni kee meeti? Du'a! Mooyachuun kee meeti?» jedhamee dubbiin barreeffame hin raawwatama. Woraanni cubbu'uu du'a; hunni cubbu'uu seera. Haa ta'uu ammo Rabbii karaa Gooftaa kenna Yesuus Kiristoosiitiin mooyannaa nuu kennuu galanni haa ta'u! Kanaaf obboleeyyan tiyya jaalatamtoota! dadhabbiin keessan, Goofta'aan duwwaa akka hin taane waan beettaniirtaniif, worra midhaaffatan ka hin sochoone worra hujiin Goofta'aa hennaa maraa isinii baay'ate ta'aa'a. Woyyoota Rabbiitii birrii wolitti fuudhuu akkuma Woldaa Kiristaanaa ka Galaatiya'aatii seera baase, isinillee akkasuma godhaa'a. Birrii wolitti guuruun hennaa ani dhufe akka hin taane, isin keessaa gari gariin keessan jalqaba torbaanii akkuma ta'etti ka qabu irraa hambisa'aa mana ufii haa kaayuu. Eennuunillee yoo ta'e, worra amanaman namoota isinitti fakkaatan, waan isin arjoomtan san gara Yerusaalemii akka geessan xalayaa itti kennee isaan erga. Akkasuma ani yoo ka deemuu na woliin deeman. Hennaa deemu Maqedooniyaa keessa waan lufuuf, gara keessan dhufa. Isinillee hulee ani dhaqu maraa deemsa kiyyaaf akka na gargaartan, maal laataa isin bira tura yookaan hin bubbula ta'a. Amma ammo hennaa karaa saniin lufu isinitti goruu waan hin barbaanneef yoo Gooftaan jedhe haga hennaa dheera'aa isin bira turu'uuf abdii godha. Efesoonitti ammo haga Ayyaana shantameesso'oo tura. Balballi guddaan huji'ii naa banameera; worri na morman ammo heddu. Yoo Ximootewoos isin bira dhufe, inni sodaa malee akka isin woliin taa'u godhaa'a. Inni akkasuma akkuma kiyya hujii Goofta'aa waan hojjatuuf; kanaafuu eennullee akka isa hin tuffanne. Haa ta'uu ammo obboleeyyan isaa woliin waan isa eeguuf nagayaan gara kiyya akka dhufu waan imala isaatii ta'uun gargaara'aan. Waan obboleessa keenna Aphiloosii ammo obboleeyyan isaa woliin gara keessan akka deemuuf guddisee kadheenii ture, Inni ammo amma dhufuu hin barbaadu, yoo toleef ammo hin dhufa. Dammaqaa'a; amanti'iin jabaadha'aa dhaabadhaa'a, guddadhaa'a. Isin biratti wonti maruu jaalalaan haa ta'u. Obboleeyyan tiyya! Maatiin Isxifaanosii hangafa Akaayiyya'aa akka ta'an woyyootallee tajaajilu'uuf akka uf kennan hin beettan. Worra akka isaanii jiraniif isa woliin hojjatu, worra dadhaban maraaf isinillee akka ajajamtaniif isin kadhadha. Isxifaanos, Fardonaxisii fi Akaayiqosi garana dhufuun isaanii na gammachiisa. Waan hennaa isin na woliin hin jirre na jalaa dhidhate naa guutaniiraniif. Garaa kiyyaa fi garaa keessan gab waan godhaniif, eegasuu namoota akkana jiran kanniin beeka'aan. Woldeenni Kiristaanaa ta Isiya'aa nagaya isinii dhaamaniiran. Aqilaa, Phirisqilla'aa fi woldeenni Kiristaanaa ta mana isaanii jirtu woliin maqaa Goofta'aatiin nagaya guddaa isinii dhaamaniiran. Obboleeyyan maruu nagaya isinii dhaamaniiran. Dhungoo woyyu'uun nagaya wol gaafadhaa'a. Ani Phaawuloos nagaya kana harkuma kiyyaan barreesse. Ka Gooftaa Yesuus Kiristoosiin hin jaalanne yoo jiraate ka abaarame haa ta'u. Gooftaa keenna koottu! Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin maraa woliin haa ta'u. Jaalalli kiyya karaa Yesuus Kiristoosiitiin isin maraa woliin haa ta'u! Amiin! Phaawuloos ka fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'ee fi obboleessa keenna Ximootewoosiin irraa Woldaa Rabbii ta Qorontoosiin keessa jirtu akkasuma woyyoota guutuu Akaayiyyaa keessa jiran maraaf. Rabbii Abbaa keenna, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haa ta'u. Abbaan gara laafumma'aa fi Waandhi jajjabeenna maraa ta'e Rabbi Abbaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii haa eebbifamu. Inni rakkinna keenna maraa keessatti nu jajjabeessa. Kanaafuu jajjabeenni nu Rabbiin jajjabaannu worra rakkinna keessa jiran maraa jajjabeessuu hin dandeenna. Rakkinni Kiristoosii nu irratti akka guddate akkasuma jajjabaachuun karaa Kiristoosiitiin waan nuu baay'atuuf. Haa ta'uu ammo rakkinni yoo nu irra gaye waan isin jabaattanii dhaabattaniif, waan fayyuu keessaniitiif, yoo jajjabaannellee nu akkasuma rakkinni rakkannu waan isin dhaabattanii fi jajjabaattaniif. Abdiin keenna ka nu waan keessaniif qabnu ka hin sochoone. Akkuma rakkinna keenna qoodamtan akkasuma jajjabaachuu keenna ammo akka qoodamtan waan beennuuf. Rakkinna keenna ka Isiya'atti nu irraa gaye obboleeyyan teenna rakkinna keenna akka beettan feena. Waan jireenna keennaatuu haga abdii kutannutti hunna keennaa ol haga ta'utti nutti ulfaate. Dhugamaan akka waan murtiin du'aa nutti murtaayeetitti nutti dhagayame; kunillee ka ta'e, Rabbii worra du'an du'aa kaasu akka abdannuuf malee akka uf abdannuufii miti. Innillee du'a hagana gayu keessaa nu hambise; nu hambisalle'e; isinillee ammo akkasuma waan keenna Rabbiin kadhata'aa nu woliin taatanii yoo nu gargaartan karaa namoota hedduutiin kennaa badhaadhumma'aa ka nuu kennameef hedduun isaanii waan keennaaf akka galatoonfatan duranallee akkasuma akka nu fayyisuuf isa abdii godhanneerra. Eeganaa wonti nu ittiin uf janyu kana waan ta'eef ogummaa fooniitiinii miti; badhaadhummaa Rabbiitiin malee. Woyyummaa Rabbiitii fi qajeellummaa adunyaa tanaa calla'atti isin bira akka jiraanne sammuun keenna raga'a. Waan dubbiftanii fi waan qaabattaniin ala waan biraa waan isinii hin barreessineef, guyyaa gaafa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii, isinillee worra nuun boonu akka taatan, nullee akkasuma worra isiniin boonu akka taanu, waan mishaa waan keenna akka hubattan, guutumatti akka hubattan abdii godha. Kanatti abdadhee, lammeessoo akka badhaadha argattan, firrisee gara keessan akka dhufu karoorfadheera. Isin keessaa bayee gara Maqedooniya'aa akka deemu, akkasuma Maqedooniya'aa gara keessan dhufee gara Yihuuda'aa hennaa deemu waan imala kiyyaatiif akka na gargaartan yaade. Eeganaa hennaa kana yaadee karoorfadhu akka waan salpha'aatitti karoorfadhee? yookaan nama yaada lamaa isaanitti fakkaadhaa? Yookaan akka aadaa namoota adunyaa kanaatiin «Ee» yookaan «Wa'a» jedha'aa waan godhe seetanii? Rabbi ammo amanama'a, dubbiin isinitti dubbadhu Ee, wa'a fi hin ta'u'u. Nu'u dubbii naa fi Silwaanosiin ka Ximootewoosiinillee isin wodhakka'atti lallabame Ilmi Rabbii Yesuus Kiristoos, «Eeyi'ii fi wa'aa» hin turre. Haa ta'uu ammo isaan Eeyiin ta'eera. Dubbiin abdi'iin ka Rabbi kenne maruu, «Ee» dubbi'iin isaan waan ta'eef, Kanaaf Rabbiif ulfinna isaatiif ka nu keessan dubbatu akkasuma «Amiiniin» isaan. Nuu fi isin Kiristoosiin woliin akka dhaabannu ka nu dibe Rabbi. Akkasuma ka nu chaappeesse wobii Ayyaana ittiin qabannu ka garaa kennaa keessa kaaye isa. Ani ammo garaa isinii laafu'uuf jedhee deebi'ee gara Qorontoosii akka hin dhufne lubbuu tiyya irratti Rabbiin ragaa waama. Nu worra gammachuu keessaniif isin woliin hojjatu malee, amantaa keessan irratti akka isin ajanyuufii miti. Amantaa keessaniin waan dhaabattaniirtaniif. Eeganaa ani gaddaan gara keessan akka hin dhufne kutadheera. Anillee yoo isin gaddisiise eegasuu ka sababaa kiyyaaf gaddu malee, ka na gammachiisu eennu? Wonti akkasitti isinii barreesseef hennaa gara keessan dhufe worri na gammachiisuun isaan barbaachisu akka na hin gaddisiifneef jedhee gammachuun kiyya gammachuu isin maraati jedhee isin maraa waan hedadheef. Rakkinna gudda'aa fi dhiphachuu yaadaatiin, imimmaan gudda'aan isinii barreessee waan tureef; kunillee guddisee jaalala isin jaaladhu akka beettaniif malee isin gaddisiisu'uufii miti. Haa ta'uu ammo eennullee yoo gaddee jiraate akka isinitti hin ulfaanne gama tokkoon nu maraa gaddisiisa malee ana callaa hin gaddisiifne. Nama akkana jiru, ka isin hedduun keessan adabdaniin adabbiin kun hin gayaan. Namni akkana jiru akka hagaa olitti gaddee abdii hin kutanne dhiifamsa gootaniifii isa jajjabeessuu isin arbaachisa. Kanaaf isin isa woliin jaalala akka jabeessitan isin kadhadha. Wonti isinii barreesseef qormaata isin irra gaye akka injifattanii fi waa maraanuu worra ajajamu akka taatan beeku'uuf ture. Ka isin dhiifamsa gootaniif anille akkasuma dhiifamsa godhaaf; anillee dhiifamsa yoo godheef dhiifamsa ka godheef waan keessaniif afoo Kiristoosiititti dhiifamsa godheeraaf. Nu yaada isaa waan hin dogoggorreef Seexanaan akka hin sobamne. Hennaa waan Dubbii Nagayaa Kiristoosiitiif gara Xiro'aada'aa dhufe hujii Rabbiitiif hagamillee balbalti yoo naa baname, Tiitoo obboleessa kiyya waan hin arganneef yaanni kiyya hara hin baafanne; kanaafuu nagaya isaanitti dhaamadhee gara Maqedooniya'aa ol baye. Haa ta'uu ammo Waaqa karaa Kiristoosiitiin hennaa maraa mooyanna'aan asii fi achi nu naannessu, ka nuun hulee marattuu urgaa beekkumsaa ibsuu galanni haa ta'u. Worra fayyanii fi worra badan biratti nu Rabbiif urgaa Kiristoosii waan taaneef. Isaan kanniiniif urgaa du'aaf ta'u; isaan sanniiniif ammo nu jireenna urga'aa ka jireennaaf ta'u; waan kanaaf gayaan eennu? Nu akka worra hedduu ka dubbii Rabbii wolitti mammaka'aa gurguratuutii miti. Qajeellummaa san waan hin taaneef; ammo Rabbiin biraa akka ergamne Kiristoosiin keessa taanee Rabbiin afo'otti dubbanna. Deebinee ufumaa uf galatoonfachuu jalqabnaa? Mo'o akka kaawwanii dhaamsa galatooma'aa gara keessanii yookaan isin biraa nu barbaachisa ta'a? Isin worra namoonni maruu beekanii fi dubbisan dhaamsi garaa keenna keessatti barreeffame isin. Ergaan kun qalamaan uduu hin ta'in Ayyaana Rabbii jiraata'aatiin dhagaa baxxicha ka dubbiin Rabbii irratti barreeffameen uduu hin ta'in garaa namaa keessatti barreeffameera. Karaa Kiristoosiitiin Rabbiin irratti amantii akkanaa kana qabna. Gawumsi keenna Rabbiin irraa malee akka waan harka keennaan ta'ee waan tokkollee yaadu'uuf nu gaya'aa miti. Innillee akkasumaa Ayyaanaan malee qube'een waan hin taaneef akka tajaajiltoota waadaa haarawaa tanu nu taasise; qubeen hin ajjeessa; Ayyaanni Woyyuun ammo jireenna kenna. Seerri Rabbii ka dhagaa baxxicha irratti qube'een qirqidamee kenname ka ulfinnaan mudhate sun ka bada'aa deemu ta'ullee namoonni Israa'elii fuula Muuse'ee ol jedhanii ija isaa keessa laalu haga dadhabanitti tajaajilli du'aa ka qube'ee sun yoo ulfinnaan ta'e; Tajaajilli Ayyaana Woyyu'uun argamu kun ulfinna kana caaluun attamitti hin taane ree? Eeganaa tajaajilli murtii namaatiin dhufu yoo ulfinna qabaate, tajaajili qajeellummaa fidu ammo isa caalaa ulfinna fida. Wonti duraan ulfinnaa sun ka ulfinnaan isa caaluu biratti yoo laallame ulfinna waan dhabeef. Ka diiggamu'uuf ture sun ulfinnaan yoo ta'e, ka bara baraan jiraatu ammo ulfinna guddisee caaluun waan ta'eeruuf. Eeganaa yoo abdii akkanaa kana qabaanne, guddifne ibsinee dubbanna. San ka diiggama'aa ture; dhumatti akka ijoolleen Israa'elii xiinxallanii hin laallee akka golgaa Muuseen afoo isaaniititti golgee miti. Haa ta'uu ammo yaanni isaanii jal jedhe. Hennaa waadaan duraa dubbifamu golgi sun haga adhaa isaan keessa jiraata. Golgi sun ka diiggamuun Kiristoosiin calla'aan. Haa ta'uu ammo haga adhaa hennaa kitaabbileen Muuse'ee dubbifaman maraa golgaan sun garaa isaanii keessa hin jiraata, hennaa gara Goofta'aa garagale ammo golgi maruu hin ka'a. Gooftaan Ayyaana. Hulee Ayyaanni Goofta'aa jiru wolabumma'atu jira. Kanaafuu nu martii keenna ulfinna Goofta'aa ka golga'aan hin golgamne afoo Goofta'aatitti akka uf arga'aa calalaqu'uun Gooftaa Ayyaana ta'e fakkaanna. Bifa ulfinna Goofta'aatiin ta'u'uu san fakkaannee ulfinnaa gara ulfinnaa jijjiiramna. Sababaa kanaaf haga araara nuu kennameetitti tajaajila kana waan qabnuuf hin dadhabnu. Haa ta'uu ammo nu waan dhossa'aatii fi waan nama saalfachiisu ganneerra; dharaan hin deddeebinu. Dubbii Rabbii sobaan wolitti hin mannu. Dhugaa ibsu'uun waan sammuu nama maraatiif tolu Rabbiin afo'otti goona. Dubbiin Nagayaa ka nu lallabne kun maal laataa yoo dhokate, worra badan jalaa dhokate. Isaaniifillee ka fakkeenna Rabbii ta'e, ifni ulfinna Dubbii Nagayaa ka Kiristoosii akka isaanii hin ifine, seexanni waaqa adunyaa tanaa ta'e qalbii worra hin amannee jaamse. Kiristoos Yesuusiin Gooftaa akka ta'e malee waan ufii waan hin himneef. Waan Yesuusiitiif jennee tajaajilaa keessan taaneerra. Kiristoosiin afo'otti ulfinni beekkumsa Rabbii ifa akka kennu; garaa keenna keessatti ifni ifuun; dukkana keessatti ka ifiti haa ifu jedhe Rabbiin waan ta'eef. Haa ta'uu ammo guddinna hunna Rabbii irraa malee nu irraa akka hin taane akka beekkamu waan kabajjamaa akka mi'a faaraa taanee galmee kana uf keessatti qabanneerra. Karaa maraanuu hin dhiibamna malee hin dhiphannu; hin mamna malee abdii hin kutannu. Hin ari'atamna malee hin gatamnu, hin kufna malee hin bannu. Jireenni Yesuusii akkasuma foon keenna irratti akka mudhatuuf hennaa maraa du'uu Yesuusii nafa keenna irratti baadhannee deddeemna. Jireenni Yesuusii ammo nafa keenna ka du'u irratti akka mudhatuuf nu worri jiraattota taane sababaa Yesuusiitiin hennaa maraa du'aaf dabarfamnee waan kennamneef. Kanaafuu duuti isaa nu irratti; jireenni isaa ammo isin keessatti hojjata. Haa ta'uu ammo «ani amanee dubbadhe» jedhamee akkuma barreeffame, Ayyaana amanti'ii sanuma waan qabnuuf; nullee akkasuma hin amanna; kanaaf dubbanna. Ka Gooftaa Yesuusiin du'aa kaase nullee akkasuma Yesuusiin woliin akka du'aa nu kaasu isin woliinillee akka nu dhiyeessu hin beenna. Karaa namoota hedduutiin badhaadha irraa hafaa; ulfinna Rabbiitiif galata akka guddisu maruu waan keessaniif. Kanaafuu hin dadhabnu; haa ta'uu ammo nafti keenna ka gubba'aa yoo badellee nafti keenna ka keessaa guyyama guyya'aan haarawooma. Waan hin mudhanne malee waan mudhatu yoo laaluu baanne rakkoon keenna salpha'a; hennaa heddu ulfinna bara baraa maraa caalaa waan nuu godhamuuf. Wonti mudhatu haguma henna'aati. Wonti hin mudhanne ammo ka bara baraati. Manni keenna ka ardii tanaa ka akka daase'eetitti keessa jiraannu yoo diiggamellee mana harka namaatiin hin ijaaramne ka Rabbii sami'iitiin ijaarame akka qabnu waan beennuuf. Hagasiif ammo waan kana keessatti dhugamaan wixxifanna; mana keenna ka sami'ii san uffachuu dharraana. Dhugamaan yoo uffanne qullaa taanee hin argamnu. Dhugamaan yoo ka hin duune uffanne qullaa taanee hin argamnu. Haga daasee kana keessa jirru nutti ulfaatee wixxifanna. Sababaanillee ka du'aa ta'ee jireennaan akka liqimfamuuf nafa jireenna sami'iillee akka uffannuuf malee, akka qullaa taanuufii miti. Ka kanaaf nu uume Rabbi. Innillee waan nuuf kennamu maraaf akka qabdii ta'uuf Ayyaana ufii nuu kenne. Kanaafuu hennaa maraa amanamnee amanti'iin jiraanna malee, laalu'uun hin jiraannu. Hennaa nafa fooniitiin jiraannu Gooftaa irraa fooyamnee baqa keessa akka jirru yoo ka beennu ta'e amanamneerra. Keessattuu nafa akka mana keennaa ta'e kana irraa adda baanee baqa keessa jiraata'aa Gooftaa woliin jiraachu'utu nu gammachiisa. Kanaafuu akkasuma nafaan jiraannee'e yookaan yoo jiraachuu baannellee, worra isa gammachiifnu ta'uu hawwina. Namni martinuu nafa ufii irratti waan mishaa ta'ee'e, waan hamaa hojjatee, akkuma hujii ufiitiin waan gatii argatuuf nu maruu teessoo murtii Kiristoosii afoo dhaabanna. Eeganaa sodaa Goofta'aa beennee namoota hubachiifna. Nullee maal akka taane Rabbi hin beeka. Sammuu keessaniinillee akkasuma akka ifa taane abdii godha. Worra keessa isaaniitiin uduu hin ta'in waan diidaa mudhatuun uf jajaniif deebii isaanii deebiftan akka qabaattan akka nuun boontan sababaa isinitti himna malee, uf isinii galatoonfatu'uufii miti. Yoo maraannellee Rabbiif jenneeti. Worra qalbii qabu yoo taane isiniif jenneeti. Kana waan murteeffanneef jaalalli Kiristoosii nu giddisiisa. Tokkochi maraafuu du'e. Eegasuu namni maruu du'aniiran. Worri lubbu'uun jiranillee ka isaaniif du'ee du'aa ka'eef malee, duranaa akka ufiif hin jiraanne maraafuu du'e. Kanaafuu ammaa achi eennuttillee fuula laala'aa hin murteessinu; Akki Kiristoosiin itti laalle ija laalcha fooniitiinillee yoo ta'e, ammaa achi haala kanaan hin laallu. Kanaafuu eennullee yoo Kiristoosiin keessa ta'e, uumama haarawa; wonti moofaan lufeera. Kunoo maruu haarawa ta'eera. Wonti ta'e maruu Rabbii karaa Kiristoosiitiin ufiin wolitti nu araarsee fi tajaajila araarsu'uullee nuu kenneen; Waan Rabbi Kiristoosiin keessaan adunyaa ufiin wolitti araarsa'aa tureef cubbuu isaaniillee isaanitti hin laakkayu ture; nu keessallee dubbii araaraa kaaye. Eeganaa Rabbi waan karaa keennaan namoota waamuuf nu ergamtoota Kiristoosiiti. Nu kanaaf «Rabbiin araaramaa'a!» jennee maqaa Kiristoosiitiin isin kadhanna. Nu isa keessa taanee akka Rabbiif qajeelaa taanu; Kiristoosii cubbuu hin qabne akka cubbuu keenna maraa baatu cubbamaa taasiseen. Nu worra Rabbiin woliin hojjata waan taaneef badhaani Rabbii ka fudhattan akka duwwaa hin taane yaboo isiniin jenna. Rabbi, «Hennaa malutti ani si dhagayeera; guyyaa fayyinnaallee, ani si gargaareera!» waan jedhuuf; Kunoo hennaan malu amma; guyyaan fayyinnaallee amma. Akka tajaajilli keenna mudaa hin qabaanne waan tokkottillee gufuu hin taanu. Haa ta'uu ammo waa maraanuu akka tajaajiltoota Rabbiititti uf dhiyeessina. Jabaannee dhaabachu'uun, rakkinnaan, miidhamu'uun, dhiphachu'uun, Tumamu'uun, hidhamu'uun, raafamu'uun, dadhabbi'iin, hirriba dhabu'uun, soomu'uun, Qulqullinnaan, beekkumsaan, obsaan, arjumma'aan, Ayyaana woyyu'uun, jaalala fakkeessaa hin qabneen, Dubbii dhuga'aatiin, hunna Rabbiitiin, meeshaa woraana qajeellumma'aa harka mirgaatii fi harka bita'aatitti qabachu'uun, Ulfinnaa fi salphinnaan, maqaa badu'uu fi maqaa tolu'uun jiraanneerra. Nu worra dhuga'aa taanee uduu jiru dogoggorsitoota jedhamne. Worra hin beekkamne uduu jedhamnu nu ammo worra beekkame. Uduu waan duunu fakkaannu nu ammo jiraattota; hin adabamna malee hin ajjeefamnu. Uduu worra gaddu taanu hennaa maraa hin gammanna. Hiyyeeyyii taanee namoota hedduu dureeyyii goona, worra womaa hin qabne fakkaannullee wonti maruu keenna. Isin namoota Qorontoosii! maraa addaata'atti isinitti himneerra; garaan keennallee isiniif badhateera. Isintu garaa nu dhoffate malee, nu garaa isin hin dhoffanne. Isin ijoollee tiyya waan taataniif akkana isiniin jedha. Akkuma nu garaa keenna isinii banne, isinillee garaa keessan nuu banaa'a. Worra hin amanne woliin deemsa hin tolleen wolitti hin hidhaminaa'a. Qajeellummaan dhara woliin firooma maal qaba? Ifnillee dukkana woliin tokkummaa maal qaba? Kiristoos daabiloosiin woliin wolii galtee maal qaba? Yookaan ka amanu ka hin amanne woliin tokkummaa maal qaba? Manni Rabbii woyyuun waaqa tolfamaa woliin firooma maal qaba? «Nu mana woyyuu Rabbii maraa olii waan taaneef, akkasuma Rabbi akkana jedhee dubbate; «Ani isaan keessa jiraadha, isaan wodhakkaa deddeebi'a; Waaqallee isaanii ta'a. isaanillee banii kiyya ta'an» Kanaafuu Gooftaan, «Isaan keessaa baya'aa gargar fooyamaa'a; waan battii hin tuqinaa'a. anillee isin simadhaa; Abbaallee isinii ta'a; isinillee ijoollee dhiiraatii fi ijoollee intalaa naa taatan» jedha Gooftaan maraa bulchu Eeganaa jaalatamtoota kiyya dubbii abdi'ii kana yoo qabaanne, sodaa Rabbiitiin woyyummaa guutuu godhu'uun waan nafa kennaaf ayyaana keenna batteessu maraa irraa uf haa qulqulleessinuu. Isin garaa keessan nuu badhisaa'a; nu eennuunillee hin yakkine; eennuunillee hin miine; eennuunillee hin sobne. Kana murti'iif hin jedhu; tokkumma'aan du'u'uuf; tokkumma'aan jiraachu'uuf; garaa keenna keessa akka jirtan dursee dubbadheera. Waan keessaniif amantiin kiyya gudda'a, sababaa keessaniif guddisee boona; guddisee jajjabaadheera; rakkoo keenna maraa keessatti ani hin gammada. Hennaa gara Maqedooniya'aa dhufne waa maraanuu rakko'otu nu irra gaye malee hara hin baafanne. Diida lolatu jira; keessa ammo soda'atu jira. Haa ta'uu ammo Waandhi worra gaddan jajjabeessu dhufa Tiito'ootiin nu jajjabeesse. Dhufuu isaa calla'aanii miti; nuu yaaduu keessaniif booyicha keessan waan kiyyaafillee ammo hinaafuu keessan hennaa inni nutti himu jajjabeenna nu isiniin jajjabaanneen akkasuma ka duraa caalaa gammanneerra. Dhaamsi kiyya yoo isin gaddisiisee jiraate hin gaabbu; yoo gaabbellee dhaamsi sun hennama diqqo'oof akka isin gaddisiisee waan arga'aaruuf. Amma ammo gammadeera, wonti gammadeef waan isin gaddisiiseef uduu hin taane sababaa gadda keessaniitiif aagii galtanii waan jijjiiramtaniif. Gaddi akka fedha Rabbii ta'e, ka gaabbiin keessa hin jirre, waan aagii gara fayyinnaa nama geessu ta'eef. Gaddi adunyaa tanaa ammo du'a fida. Gaddi akka fedha Rabbii ta'e kun jabaachuu attamii, deebii attamii, lola attamii, sodaa attamii, yaaduu attamii, hinaaffaa attamiitii fi gadoo bayuu attamii akka isin jiddu'utti godhe laalaa'a. Waan kanaan woyyoota ta'uu keessan raggaasiftaniirtan. Eeganaa waan isinii barreessellee yoo ta'e, jabeenni waan keennaaf qabdan isin biraa Rabbiin afo'otti akka mudhatuuf malee, waan ka yakkeetii fi yookaan waan ka yakkamee hin barreessine. Kanaaf jajjabaanneerra. Waan jajjabaachuu keennaatii fi waan gammachuu Tiito'ootiif guddifnee gammanne. Qalbiin isaa isinitti waan hara baafateef. Isiniin boonuu kiyya isatti himee ture; isinillee na hin saalfachiifne; wonti isinitti hima'aa turre maruu akka dhugaa ta'e akkasuma dhaaduun waan keessan Tiito'otti hima'aa ture maruu akka dhugaa ta'e mirkanaayeera. Kanaaf sodaachu'uu fi hollachu'uun attamitti akka isa simattan ajajamuu keessan maraa yaada'aa jaalalti inni isiniif qabu kana caalaa eda'ameera. Waan maraanuu waan isin abdadheef guddisee gammadeera. Obboleeyyan tiyya! badhaadha Rabbi woldoota Kiristaana Maqedooniya'aatiif kenne isin beessifna. Uduu rakkinna gudda'aan qoramanii jiran, guddinni gammachuu isaaniitii fi hiyyummaa isaanii guddisee baay'atullee kennaa isaaniitiin duroomaniiran. Haga hunna isaaniitiin waan hunna isaanii caalu akka fedhaan kennan waan isaanii isinii raga. Tajaajila woyyootaa ta'uun akka hirmaattan, arjummaa kana kadhaa gudda'aan nu kadhata'aa turan. Dura dursanii haga nu isaan eennee olitti Goofta'aaf uf kennan; itti aansu'uun fedha Rabbiitiin uf nuu kennan. Kanaaf Tiitoon akkuma firrisa jalqabeen akkasuma hujii arjumma'aa kana isin biratti akka raawwatuuf isa kadhanne. Haa ta'uu ammo waa maraanuu amanti'ii fi dubbi'iin, beekkumsaan, ciminna maraan, nuufillee jaalala keessaniin akkuma bu'aa qabdan hujii arjumma'aa kanaanillee akkasuma bu'aa qabaadhaa'a. Akka nama ajaja kennuu kana hin jedhu; haa ta'uu ammo karaa ciminna worra biraatiin dhugaa jaalala keessanillee akkasuma qoru'uuf kana jedha. Kennaa arjummaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii waan beettaniirtaniif, dureessa uduu ta'u isin hiyyummaa isaatiin akka dureeyyii taatan waan keessaniif hiyyeessa ta'e. Waan kana irratti gorsa isinii kenna: Bara dheengaddaatii jalqabdanii hujuu callaa uduu hin taane, akkasuma yaadu'uufillee ka firriftanii jalqabdan kun waan isin fayyaduuf. Kanaaf yaanni fedhi'iin kennuu keessanii hujii irra oolee akka raawwatamu haguma dandeettaniin waan yaaddan san ammuma raawwadhaa'a. Yoo fedhiin mishaan jiraate haguma qabuun ka jaalatame ta'a malee, haga hin qabneenii miti. Kaawwaniif hara baafannaa; isiniif rakkinna akka ta'uufii miti; sirrii akka ta'uuf malee. Bu'aan isaanii akkasuma hanqinna keessan akka guutu, hennaa tana bu'aan keessan dhidhinna isaanii haa guutuu; sirri'itti akka ta'u akkuma akkana jedhamee barreeffame. «Ka guddaa kuufate, bu'aa hin buufanne. Ka diqqoo kuufatellee womaa jalaa hin dhidhanne.» Waandhi onnee Tiito'oo keessa waan keessaniif jabeenna kaaye haa galatoomu. Inni gorsa keenna waan fudhateeruuf ciminni ammo waan itti baay'ateef fedhii ufiitiin ka'ee gara keessan dhufa. Waan Dubbii Nagayaa lallabu'uutiif obboleessa keenna jaalatamaa woliin gara woldaa Kiristaanaa maraa hin ergina. Kana calla'aa miti. Haa ta'uu ammo ulfinnuma Goofta'aatiif kama jaalala fedha keenna mudhisu'uuf hujii arjumma'aa ka tajaajilu'uu kana nu woliin akka qoodamu woldaa tokkumma Kiristaanaatittillee filameera. Kennaa akkanumaan tajaajillu kanaaf eennullee akka nu hin tuffanne uf eegganna. Afoo Goofta'aa calla'atti uduu hin ta'in akkasuma nama afo'ottillee waan mishaa waan yaannuuf. Hennaa heddu waan hedduun isa qoree, akka inni cimaa ta'e waan argineef ammallee guddisee waan isin hedatuuf; obboleessa keenna Tiitoo fa'a woliin hin ergina; inni ta duraa caalaa guddisee jaba'a. Waan Tiito'oo ka isin gaafatu yoo jiraate, inni goshoo kiyya ka na woliin hojjatu; waan obboleeyyan teennaallee ka gaafatu yoo jiraate, isaan ergamtoota woldaa Kiristaanaatiif ulfinna Kiristoosiiti. Eeganaa waan jaalala keessaniitiif waan boona nu isiniin boonnuu, tokkummaa woldaa Kiristaanaa afo'otti isaanii ibsaa'a. Waan tajaajila woyyootaatiif ta'u isinii barreessuu na hin barbaachisu. Fedha keessan mishaa waan beekuuf, jajjabeenni keessanillee kaawwan kakkaase, «Waan Worri Akaayiyya'aa bara dheengaddaa irraa jalqabee godheef» worra Maqedooniya'aa biratti isiniin boona. Haa ta'uu ammo akkuma isaaniin jedhe worra qophooftan akka taatan waan kanaanillee booni ani isiniin boonu akka duwwaa hin taane obbooleewwan erga. Maal laataa namoonni Maqedooniya'aa na woliin dhufan uduu isin hin qophoofne yoo isin argan isin callaa uduu hin ta'in nu worri isin abdannellee hin saalfanna. Obboleewwan naan dura gara keessan dhufanii gargaarsa arjoomu'uuf waadaa galtan dura keessan akka qopheessitan akka isin qaabsisaniif isaan gara keessan erguun barbaachisaa akka ta'e yaadeera. Kanallee akkana jedha, «Ka diqqoo facaasu diqqoma haamata; ka guddisee facaasu akkasuma guddisee haamata» Rabbi ka gammachu'uun kennu waan jaalatuuf marti isaaniituu akkuma garaa ufiititti yaadeen haa kennu; gaddaan yookaan giddi'iin akka hin taane. «Bittinneesse, hiyyeeyyi'ii kenne, qajeellummaan isaa baraa haga bara baraa jiraata» jedhamee akkuma barreeffame. Rabbi hennaa maraa waan maraanuu dandeettii maraa argattanii hujii misha'aan akka baay'attan badhaadhummaa maraan isin guddisuu danda'a. Ka facaasuu sanyii, ka nyaatuufillee xoroshoo guddisee ka kennu sanyii facaaftan isinii kenna; isinii barakachiisa; daraaraa qajeellumma'aa keessanillee isinii baay'eessa. Karaa keennaan nu'u kennaa galata Rabbiitiif sababa ta'u mara akka mudhiftaniif waa maraanuu dureeyyii akka taataniif. Tajaajilli gargaarsaa kun woyyoota jalaa waan hanqatu marumaa ka guutu callaa uduu hin taane, Rabbiifillee galata guddaa akka dhiyeessan godha. Tajaajila kanaan waan qoramtaniif Dubbii Nagayaa Kiristoosii amantanii ajajamuu keessaniin isaanii fi worra biraallee gargaarsa arjumma'aa kanaan Rabbiin kabajjan. Isaan hennaa Rabbiin isinii kadhatan badhaadhummaa waa maraa caalu saniif isin yaadan. Kennaa isaa ka hagana hin jedhamneef Rabbiin galanni haa gawu. Ani Phaawuloos hennaa isin bira jiru nama kaso'o jedhame; hennaa isin biraa fagaadhu ammo nama ija jabaatu jedhame; gara laafumma'aa fi fayyaalummaa Kiristoosiitiin isin gorsa. Worra akka waan aadaa biyya lafaatitti jiraannuu nu laakkayanitti amanee ija jabeennaan worra gari'itti dubbachuu yaaleera. Amantii kanaan ammo isin birattillee akka waan ugguutitti akka na hin laakkoofne isin kadhadha. Yoo ka akka adaa namaatitti jiraannu ta'ellee akka adaa namaatitti hin lolu. Meeshaan keenna ka lolaa ka foonii waan hin taaneef kushee nama dhossu diigu'uuf ammo Rabbiin afo'otti cima'a. Yaada namaallee ka beekkumsa Rabbii irratti kakka'u waan ol ka'e maraa hin diinna. Kiristoosiif ajajamu'uun sammuu maraa boojina. Hennaa ajajamtan, ajajamuu diduu mara haluu bayu'uuf qophoofneerra. Ka isin afoo jiru laalaa'a. Eennullee yoo ka Kiristoosii ta'uu ufii hubate, nullee ka isaa ta'uu keenna haa hubatuu. Akkuma inni ka Kiristoosii ta'e, nullee akkasuma ka isaati. Kanaafuu baallii Gooftaan nuu kenneef yoo guddaa uf jajellee itti hin saalfadhu. Baalliin kun isin ijaaru'uuf malee isin diigu'uufii miti. Ergaa kiyyaan waan isin naasisu isinitti hin fakkaatin. «Ergaan sunniinillee ulfaata'aa fi jaba'a; nafti isaa ammo yoo laalan dadhaba'a. Dubbiin isaallee tuffatama'a» waan jedhaaniif. Hennaa fagoo jirru, karaa dhaamsa keennaatiin dubbi'iinillee akkuma dubbanne hennaa afoo jirru huji'iinillee akkasuma akka taane haa hubatanii. Worra uf galatoonfatan gari garii woliin uf laakkayuu yookaan isaaniin wol bira uf qabuu waan hin uggineef, haa ta'uu ammo isaan uf woliin yoo uf madaalan ufumaa wol bira qabanii uf waan laalaniif hin hubatan. Nu ammo akka Rabbi nuu murteesse haga isin bira geennuufillee hulee tajaajila Rabbi nu kenneetitti uf ijaarra malee, hagaa olitti hin boonnu. Nu hennaa gara keessan dhufne hulee nuu kenname waan hin lufneef Dubbii Nagayaa ka Kiristoosii lallaba'aa isin bira geenne. Gowwummaa tiyya diqqo'otti uduu naa obsitanii mishaa ta'a; ta'ullee dhugamaan naa obsaa'a. Hinaaffaa Rabbiitiin isinii hinaafa'aa akka durba qulqullittii duuda'aatitti Kiristoosiif isin dhiyeessu'uuf dhiira tokkoof isin qaadhimeera. Haa ta'u ammo akkuma bofni dharaan Hawwaa dogoggorse, yaanni keessan badee maal laataa qajeellumma'aa fi qulqullinni Kiristoosiif ta'u akka hin jijjiiramne sodaadha. Ka dhufullee Yesuusii biraa ka nu isinitti hin himne yoo isinitti hime, yookaan Ayyaana hin arganne ka addaa yookaan Dubbii Nagayaa hin fudhanne ka addaa yoo argitan akka misha'atti obsitan. Ergamtoota ijoo sanniin keessaa waan tokkoonillee akka waan isaan hanqadheetitti uf hin laakkayu. Dubbii kiyyaan nama baratellee yoo hin fakkaanne, beekkumsaan ammo akkanaa miti. Haa ta'uu ammo nama maraa wodhakka'aatti waan maraanuu isinitti mudhanneerra. Mo'o Dubbii Nagayaa Rabbii mindaa malee waan isinitti himneef; akka isin ulfaattaniif mataa kiyya waan gadi qabeef cubbuu hojjadhee laata? Isin tajaajilu'uuf mindaa fudhata'aa tokkummaa Woldaa Kiristaanaa saamee! Isin woliin uduu jiru hennaa na jalaa hanqate eennuttillee hin ulfaanne; obboleewwan Maqedooniyaa irraa dhufan waan na jalaa hanqate maraa na kennaniiran. Woma maraanuu akka isinitti hin ulfaanne uf eege, uf eegalle'e. Dhugaan Kiristoosii akka na keessa jiraatu boonuun kun ana biratti biyya Akaayiyya'aatitti hin dhooggamu. Ani waan isin hin jaalanneef kana jedhaa? kana Rabbi hin beeka. Haa ta'uu ammo waan uf jajan saniin akka keenna ta'anii argamu'uuf worra sababa soqan, sababaa isaan irraa hambisu'uuf waan amma godha'aaru ammaa achillee akkasuma godha. Namoonni akkanaa kunniin ergamtoota Kiristoosii fakkaatu'uuf uf jijjiira'aa worra kijibdootaa fi ergamtoota dhara hojjatan. Kunillee waan nama maalalchiisuu miti. Seexanni mataan isaa Maleekkaa ifaa fakkaatu'uuf waan uf jijjiiruuf Eeganaa tajajiltoonni isaallee tajaajiltoota qajeellota fakkaachu'uuf yoo uf jijjiiran waan gudda'aa miti. Dhumti isaanii akkuma hujii isaanii ta'a. Ammallee akkana jedha; nama kamiifillee gowwaa waan ta'e isatti hin fakkaatin. Yoo gowwaallee isinitti fakkaadhe, diqqoo akka boonu akka gowwa'aatitti na laakkayaa'a. Akkana amanamee yoo boonu ka dubbadhu gowwumma'aan malee akka Gooftaan na ajajetti hin dubbadhu. Hedduun waan biyya lafaatiin waan uf jajaniif anillee akkasuma uf jaja. Isin waan qaroo taataniif gammachu'uun worra gowwootallee waan obsitaniif. Eennullee yoo garbicha isin godhate, eennullee yoo isin nyaate, eennullee yoo isin saame, eennullee yoo isinitti uf jaje, eennullee yoo boqoo keessan dhabanaasa'aan dhaye hin obsitan. Akka nu waan akkasii irratti dadhaboota fakkaannee turre ani saalfata'aa dubbadha. Haa ta'uu ammo ani gowwumma'aan akkana jedha. Ugga eennullee ugguun anillee akkasuma hin ugga. Isaan Ibrootaa? Anillee akkasuma; Isaan gosa Israa'eliitii? Anillee akkasuma. Isaan fiixaa Abrahaamiitii? Anillee akkasuma. Isaan tajaajiltoota Kiristoosiitii? Akka nama maraatee dubbadhaa natu caala, dadhabbii gudda'aan, guddisee tumamu'uun; hidhamu'uun bu'aa argadhee hennaa hedduu du'uu gaye. Yihuudonni afurtama ta'uu tokko hanqoo hennaa shanii shabbeenaan na tuman. Hennaa sadihii ule'een dhayame; hennaa tokko dhaga'aan na dhayan; dooniin kiyya harka sadihii cabee guyya'aa fi halkan galaana irra oolee bule. Hennaa hedduu karaa deeme; sodaa lagaa, sodaa saamtu'uutiin, sodaa gosa kiyyaa, sodaa worra Yihuudii hin taanee, sodaa qachaa keessaa, sodaa lafa gammoojji'ii, sodaa galaanaa, sodaa kijiba obboleewwanii fa'aan sodaata'aa ture. Dadhabbi'ii fi xaari'iin hennaa hedduu hirriba dhabu'uun, beelaa fi dheebu'uun, hennaa hedduu soomu'uun qorra keessa qullaa ture. Waan hafe uduu hin laakkayin guyya guyya'aan wonti natti ulfaatu yaada tokkummaa woldaa Kiristaanaati. Ka hin dadhabne eennu? ani hin dadhabuu? Ka cubbuu keessa hin seenne eennu? yoo san ani hin aaruu? Boonuun yoo ka barbaachisu ta'e waan dadhabbii kiyya keessatti ta'uun boona. Ka baraa haga bara baraa eebbifamaa ta'e Waandhi Abbaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii akka ani hin kijibne na beeka. Hennaa ani Damaasqoo ture namichi mooticha Arixoyoos jedhamu jalatti ummata bulchu na qabu'uuf balbala qacha'aa eessisa'aa ture. Haa ta'uu ammo qaalawa dallawaatiin keeshee keessa na buusanii jalaa baye. Uf jajuun hin barbaachisa. Haa ta'uu ammo womaa hin fayyadu; yoo uf jajuu barbaade manaaba Rabbi naa kenneen uf jaja. Ani nama Kiristoositti amane tokko beeka; namni kun woggaa kudha afuriin dura haga samii sadeesso'ootitti ol fudhatame; akki inni ol fudhatamellee fooniin ta'ee'e yookaan hafuuraan ta'ee'e hin beeku; Rabbii ammo hin beeka. Ufii ammo namni kun gara hulee jeennataa akka ol fudhatame hin beeka; Haa ta'uu ammo fooniin ta'uu yookaan ta'uu dhabuu hin beeku. Rabbi garuu hin beeka. Inni waan dubbii namaatiin himamuuf dubbii namni dubbatuu hin dandeenne dhagaye. Ani nama akkana jiruun boona. Waan kiyya ammo dadhabbii kiyya malee waan boonuun hin qabu. Ani dhugaa waan dubbata'aaruuf, uduu boonuu barbaadee gowwaa hin ta'u; Haa ta'uu ammo eennullee waan na irratti argee fi waan na irraa dhagaye caalchisee akka na hin laakkoofneef boonuu dhiiseera. Kanaaf guddinna manaabaatiin akka hin boonne, ergamaa seexanaa ka foon kiyya qucutu naa kenname. Kunillee akka ani uf hin janyeef. Kanaaf wonti kun akka na irraa ka'uuf hennaa sadihii Gooftaa kadhadhe. Inni, «Kennaan kiyya si gaya; hunni kiyyallee dadhabbii kee keessatti raawwatama» naan jedhe; eeganaa hunni Kiristoosii akka na keessa buluuf gammachuu gudda'aan dadhabbii kiyyaan boonuu jaaladha. Kanaaf waan Kiristoosiitiif dadhabbiin, xaaruun, rakkoon, ari'amu'uu fi dhiphachu'uun gammada. Yoo dadhabe waan hennaa san jabaadhuuf. Waan booneef gowwaa ta'eera. Isin na giddisiiftan; isin silaa worra na galatoonfatu. Ani yoo womaa hin taanellee ergamtoota ijoo womaanuu hin hanqadhu. Dhuga'aan malkanni ergamtoota isin jiddu'utti malkataa fi waan maalale'eetiin ajaa'ibni marti obsaan ta'e. Ani ufii yoo isinitti ulfaachuu dhabaadhe, kanaa achi wonti woldaa biraa hanqattaniin maali'iin ree? yakka kiyya kana naa dhiisaa'a. Gara keessan dhufu'uuf qophaayuun kiyya kun kunoo hennaa sadeesso'ooti. Isinittillee hin ulfaadhu, isin malee waan isin qabdan waan hin barbaanneef abbootatu ijoolle'ee birrii kaaya malee, Ijoolleen abbootaaf birrii kaayuun hin ta'u. Ani ammo waan lubbuu keessaniitiif gammachuu gudda'aan birrii kiyya kaffala. Ufillee yoo ta'e hin kaffala; hagaa olitti yoo isin jaaladhe, waan kanaaf jaalalli keessan hin hanqataa? Haa ta'uu ammo ani isinitti hin ulfaadhu. Malaa fi sobaan waan harkatti isin galfadhe seetanii? Karaa namoota gara keessan ergeetiin isin sobee? Tiitoo gorseera; isa woliin obboleessa isaa erge, Tiitoon isin sobee? Ayyaana tokkoon hin jiraannee? fedhii tokkoon hin jiraannee? Waan keessaniif hennaa maraa waan uf qusannu isinitti fakkaataa? Rabbiin afo'otti Kiristoosiin keessa taanee dubbanna. Haa ta'uu ammo jaalatamtoota! nu isin ijaaru'uuf maraa dubbanna. Hennaa ani gara keessan dhufu akka ani barbaadu taatanii isin arguu dhabuu danda'a. Anillee akka isin jaalattan san uduu hin ta'in na argitan jedhee sodaadha. Maal laataa mormiin, hinaaffaan, lolli, diiggaan, hamiin, hasaassiin, boonuun, raafamnillee hin ta'a. Deebi'ee yoo dhufu isin biratti Waandhi kiyya akka na hin salphifne worra dura cubbuu hojjatanii fi waan battii godhaniif seebarrii, waan worra aagii hin galinii waan namoota hedduu maal laataa hin gadda jedhee sodaadha. Gara keessan dhufuun kiyya kun hennaa sadeesso'ooti; «Wonti maruu ragaa lamaa fi sadihiin mirkanaaya» Akkuma hennaa lammata isin laalu'uuf dhufe isin seeree ture; ammallee fagoo taa'ee deebi'ee isin seera; yoo deebi'ee gara keessan dhufu worra asiin dura cubbuu hojjatan ta'ee'e worra kaawwaniillee garaa hin laafu. Kun wonti ta'uuf Kiristoos akka na keessaan dubbatu waan ragaa barbaaddaniif. Inni isin jiddu'utti jaba'a malee dadhabaa waan hin turreef. Dadhabbi'iin fannifameera. Haa ta'uu ammo hunna Rabbiitiin jireennaan jiraata. Nullee akkasumaa isa woliin waan dadhabneef. Haa ta'uu ammo waan isinii ta'een hunna Rabbiitiin isa woliin jireennaan jiraanna. Isin amanti'iin jiraatu'uu fi jiraatuu dhabuu keessan uf gora'aa uf laalaa'a; maal laataa yoo ka dandeettii hin qabne waan isinitti fakkaate, Yesuus Kiristoos isin keessa akka jiru hin beettanii? Nu ammo worra dandeettii qabu akka hin taane akka beettan abdii godha. Akka waan hamaa hin goone Rabbiin isinii kadhanna; Nu worra dandeettii qabu taanee mudhatu'uufii miti. Haa ta'uu ammo nu hagamillee yoo worra dandeettii hin qabne taane, isin hennaa maraa waan mishaa akka gootaniif. Nu dhuga'aaf hojjanna malee dhugaa irratti mormii hin qabnu. Nu dadhabnee, isin hennaa jabaa taatan waan gammanneef. Isin guutuu akka taatan, kanaafillee akkasuma Rabbiin kadhatan. Ani hennaa gara keessan dhufu wonti Gooftaan baallii naa kenneef isin diigu'uuf uduu hin taane, baallii naa kennametti fayyadamee isin ijaaru'uuf akka isin hin miineef fagoo taa'ee, waan kana isinii barreesseera. Waan hafeen obboleewwan tiyya! nagayaan taa'aa'a. Guutuu ta'aa'a; gorsa kiyya dhagayaa'a; yaada tokko ta'aa'a; nagayaan jiraadhaa'a; Waandhi jaalalaatii fi nagayaa isin woliin ta'a. Dhungoo woyyu'uun nagaya wol gaafadhaa'a. Woyyoonni maruu nagaya isinii dhaamaniiran. Ayyaanni Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii, jaalalti Rabbiitii fi tokkummaan Ayyaana Woyyu'uu isin maraa woliin haa ta'u. Amiin! Namootaan yookaan namaan uduu hin taane Phaawuloos Rabbii Abbaa Kiristoosiin worra du'an keessaa kaaseen ergamaa ta'ee fi obboleeyyan na woliin jiran maraa irraa woldoota Kiristaanaa Galaatiyaa jiran maraaf; Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraa badhaaninii fi nageenni isinii haa ta'u! Akka fedha Rabbii abbaa keennaatitti bara hamaa kana keessaa nu oolchu'uuf jedhee, Kiristoos waan cubbuu keennaatiif dabarsee uf kenne. Baraa haga bara baraatitti Aabba'aaf ulfinni haa ta'u! Amiin. Ka badhaadha Kiristoosiitiin isin waame irraa gara galtanii gara Dubbii Nagayaa ka biraatitti ariifattanii deebi'uun keessan na maalalchiisa. Akkana jechuun Dubbiin Nagayaa ka biraa hin jira jechu'uu miti. Ta'ullee worri Dubbii Nagayaa ka Kiristoosii irraa isin raasu'uu fi isin dabsuu barbaadan namoonni tokko tokko hin jiran. Haa ta'uu ammo nullee yoo ta'e, yookaan maleekkaan sami'ii Dubbii Nagayaa ka nu isinitti lallabne irraa ka adda ta'e yoo isinitti hime, ka abaarame haa ta'u! Akkuma dursinee dubbanne akkasuma ammallee irra deebi'ee dubbadha; ka fudhattan irraa waan adda ta'e eennullee yoo isinitti hime, inni ka abaarame haa ta'u! Ani amma nama biratti fudhatama argachuu barbaada mo'o? Rabbiin biratti? Amma yoo nama gammachiisa ta'e, ani garbicha Kiristoosiitii miti. Obboleeyyan tiyya! Dubbiin Nagayaa ka anaan himame kun, ka namni uf keessaa burqisiise akka hin taane akka beettan barbaada. Yesuus Kiristoositu naaf ibse malee, ani nama irraa hin fudhanne; hin barannelle'e. Hennaa dur amantii Yihuudotaa hordofa'aa ture, attamitti akka jiraata'aa ture dhageettaniirtan. Woldaa Kiristaanaa ta Rabbii akka malee ari'a'aa, balleessa'aa ture. Aadaa abbootaatiifillee akka malee hinaafa'aa, firtoota bara kiyya jiran keessaa akka sirna amantii Yihuudotaatiin guddisee isaan caala. Haa ta'uu ammo ka uduu ani gadaamessa haadha tiyyaa keessa jiru na filate, Rabbiin badhaadha ufiitiin na waame, worra Yihuudii hin taane jiddu'utti, Dubbii Nagayaa isaa akka himuuf, Ilma ufii akka kiyyatti ibsu'uuf hennaa barbaade, yoosuu ani nama tokkoonillee hin mari'anne. Gara worra anaan dura ergamtoota turanii gara Yerusaalemii hin dhandhe. Haa ta'uu ammo gara biyya Arabaa deeme; deebi'ee gara Damaasqo'oo dhufe. Woggaa sadihiin maayessa Keefaa gaafachu'uuf gara Yerusaalemii bayee isa woliin guyyaa kudha shan ture. Haa ta'uu ammo Yaaqoobii obboleessa Goofta'aa malee, ergamtoota keessaa ka biraa tokkollee hin argine. Wonti ani isinii barreessu kun soba akka hin taane Rabbi hin beeka. Achiin maayessa gara Sooriya'aatii fi gara biyya Kiliqiya'aa dhaqe. Worri Kiristoositti amanan woldoonni Yihuuda'aa na hin beekan. Haa ta'uu ammo, «Inni duraan nu ari'a'aa ture sun amantii duraan balleessu'uuf barbaadu san lallaba» jedhamee hennaa dubbatamu dhagaya'aa turan. Waan kiyyaafillee Rabbiin galatoonfatan. Woggaa kudha afuriin maayessa deebi'ee gara Yerusaalemii baye; hennaa kana Baarnaabaasiin woliin ture; Tiitoollee qabadhee dhaqee ture. Akkuma Rabbi mudhata naa kenneen bayee, maal laataa duwwama akka hin fiinne, yookaan duwwamallee fiigee akka hin jiraanne worra Yihuudii hin taane jiddu'utti Dubbii Nagayaa isaaniin gaye. Worra ijoo fakkaatanii mudhataniif hojjatti isaanitti hime. Haa ta'uu ammo ka ana woliin ture Tiitoonuu nama Giriikii ta'eetuu akka gadoomu isa hin giddisiifne. Haa ta'uu ammo garboota nu godhatu'uuf wolabummaa karaa Kiristoosiitiin arganne san gaadu'uuf obboloonni sobduun dhossa'aan hulluuqanii nu keessa seenan. Akka dhugaan Dubbii Nagayaa isin biratti jabaatee jiraatuuf jennee, hennaa diqqo'oofillee gad dhiifnee isaan jalatti hin bulle. Worri bulchoota fakkaatan ammo eennummaan isaanii ka duraa womaa natti hin fakkaatu. Rabbi fuula namaa laalee wol hin dabarfatu. Isaan Dubbii Nagayaa ka ani himu irratti womaa hin edaane. Akkuma Rabbi Pheexroosiin worra gadoomaniif Dubbii Nagayaa haa himu'uuf yaboo itti kenne, anillee worra hin gadoominiif Dubbii Nagayaa akka himu yaboon akka natti kenname beekaniiran. Waandhi Pheexroos worra hin gadoomneef ergamaa ta'ee akka hojjatu godhe sun, anillee ergamaa worra Yihuudii hin taanee ta'ee akka hojjadhu na taasiseera. Worri bulchoota ijoo fakkaatanii mudhatan Yaaqoob, Keefa'aa fi Yohaannisillee Rabbi akka kennaa badhaadhummaa naa kenne hubatanii nu gara worra Yihuudii hin taanee, isaan ammo gara worra Yihuudotaa akka dhaqan, anaa fi Barnaabaasiin woliin wolii galan. Isaan hiyyeeyyii calla'aaf akka yaannu nu kadhatan; kunillee ammo waanuma ani jabaadhee godha'aa ture. Haa ta'uu ammo Keefaan gara Anxookiya'aa hennaa dhufe, wonti inni hojjate waan isatti murteessuf dogoggora isaatiif ani addaataa isa morme. Namoonni gariin Yaaqoobiin bira uduu hin dhufiniin dura, inni worra Yihuudota hin taane woliin nyaata'aa waan tureef, hennaa dhufan ammo gosa gadooman san sodaatee uf duubatti sissiiqa'aa isaan biraa fooyame. Worri Yihuudota hin taane kuuwwanillee uf tuuluu isaatiin wol ta'an. Haa ta'uu ammo akka dhugaa Dubbii Nagayaatitti akka isaan qajeellumma'aan hin deemne hennaa arge, maraa afo'otti Keefa'aan, «Ati nama Yihuudi'ii taatee, akka nama Yihuudii hin taaneetitti eega jiraatte, attamiin worra Yihuudii hin taane akka Yihuudotaatitti akka jiraataniif isaan giddisiifta?» jedheen. Nu dhalootaan Yihuudota; worra cubbamtoota Yihuudii hin taane sanii miti. Haa ta'uu ammo, namni Yesuus Kiristoositti amanu'uun akka qajeeluuf malee, hujii seeraatiin akka hin taane beennee ka foon uffate maruu hujii seeraatiin waan qajeelaa hin taaneef nu mataan keennaa hujii seeraatiin uduu hin ta'in Yesuus Kiristoositti amanu'uun qajeellummaa arganneerra. Haa ta'uu ammo yoo ka Kiristoosiin qajeellota ta'uu ka barbaannu ta'e, nu mataan keenna cubbamtoota taanee yoo argamne, eegasuu Kiristoos tajaajilaa cubbu'uuti jechu'uu ree? Miti. Ka diige kana deebisee ka ijaaru yoo ta'e, anuu ka seera irra darbu akka ta'u hin hubachiisa. Ani Rabbiif jiraataa ta'ee akka jiraadhu, karaa seeraatiin seeraaf du'eera. Kiristoosiin woliin fannifameera; ammaa achi Kiristoositu na keessa jiraata malee, ani ufii hin jiraadhu. Jiruun ani amma fooniin jiraadhu ka na jaalateef ka uf dabarsee naa kenne amantii Ilma Rabbii irraa qabuun. Badhadha Rabbii hin gatadhu. Qajeellummaan karaa seeraatiin yoo ta'e, eegasuu Kiristoos akkanumaan du'e jechu'u. Isin namoota Galaatiya'aa! worra qalbii hin qabne; ija teessan afo'otti Yesuus Kiristoos akka waan faki'iititti fannifame akka dhuga'aaf hin ajajamne eentu muusessaa isinitti buuse? Ani waan tokko callaa beekuu barbaada. Isin seera eegu'uun mo'o dubbii Rabbii dhageettanii itti amantaniin Ayyaana Woyyuu fudhatan? Isin haganuma mara gowwa'aa? Ayyaana Rabbiitiin jalqabdan; amma ammo yaada fooniitiin fixuu barbaaddanii? Kun dhugamaan waan hin fayyanne yoo ta'e, isin waan duwwaa kanaaf rakkoon isin irra gayee? Eegasuu Rabbiin Ayyaana ufii isinii kennu ka isin birattillee maalalee godhu, hujii seeraatiin mo'o amantii dhageetti'iin ta'een? Akkasuma, «Abrahaam Rabbitti amane; amantiin isaallee qajeellumma'aatti laakkayameef» Eegasuu worri amanan maruu ijoollee Abrahaamii akka ta'an beekaa'a. Kitaabnillee Rabbiin worra Yihuudii hin taane amanti'iin qajeelchu dursee argee, «Baniin maruu siin eebbifama» jedhamee Dubbiin Nagayaa Abrahaamitti dursee himameera. Kanaaf worri amanan maruu Abrahaamii amane woliin eebbifaman. Ka hujii seeraatiin ta'e maruu abaarsa jala waan jiraniif, «Kitaaba seeraa mara keessatti ka barreffaman ka jabaatee ittiin hin jiraanne maruu, ka hujii irra hin oolchine maruu ka abaarame!» jedhamee waan bareeffameeruuf. «Qajeelaan amanti'iin jiraata» waan jedhameeruuf, eennullee Rabbiin afo'otti seeraan akka qajeelaa hin taane ifa. Seerrillee amanti'iinii miti. Haa ta'uu ammo, «Namni seera raawwatu seera keessa jiraata» jedhameera. «Ka muka irratti fannifamu maruu ka abaarame» jedhamee waan barreeffameeruuf Kiristoos waan keennaaf abaaramaa ta'ee seera abaarsaa jalaa nu booji'e. Abdii Ayyaanaa amanti'iin akka fudhannu eebbi Abrahaamii gara worra Yihuudii hin taanee karaa Yesuus Kiristoosii irraan isaan akka dhaqqabuuf. Obboleeyyan tiyya! Akka Aadaa namaatitti kana jedha. Namallee yoo ta'e, abdii mirkanaaye eennullee hin tuffatu yookaan itti hin eda'u. Abrahaamii fi fiixaa isaatiillee dubbii abdi'iititu himame. Barreeffamni Woyyuun, akka namoota hedduuf dubbatuuf, «Fiixaa» isaaniitiin hin jedhu; akka nama tokkotti dubbateetitti ammo «Fiixaa» keetiif jedha; innillee Kiristoos. Kanallee akkana jedha, woggaa dhibba afurii fi soddomaan maayii seerri duraan kenname abdii dubbii Rabbiitiin mirkanaaye haga diiguuf dubbii abdi'ii balleessuu hin danda'u. Dhaala argachuun uduu karaa seeraatiin ta'ee ammaa achi dhaalli karaa Waada'aatiin hin argamu ture. Jecha abdi'iitiin ammo Rabbi Abrahaamii kenneera. Eegasuu seerri maaf kenname? Haga fiixaan abdi'ii kennameef sun dhufuuf, seera diiguun maal akka ta'e mudhisu seerri eda'amee kenname. Jiddu galeessi tokko calla'aafii miti. Rabbi ammo tokko. Eegasuu seerri dubbii abdii Rabbii ka mormu ta'aa? sirima hin mormu! Seerri akka jiruu kennu uduu kennamee jiraatee, silaa dhugamaan seera eeguun qajeellummaa fida. Haa ta'uu ammo dubbiin abdi'ii worra Yesuus Kiristoositti amananiif akka kennamuuf akkuma kitaabni woyyuun jedhu adunyaan maruu cubbuu jalatti hidhamaniiran. Amantiin uduu hin dhufne amantii mudhatu'uuf ta'u nutti cufamee seeraa gaditti bula'aa turre. Akkanatti amanti'iin akka qajeelaa taanuuf seerri guddiftuu gara Kiristoosii nu fidu ta'eera. Amantiin ammo waan dhufeef, ammaa achi guddiftu jalaa miti. Karaa amanti'iitiin marti keessanuu Yesuus Kiristoosiin keessatti ijoollee Rabbii waan taataniif, worri Kiristoosiin woliin tokko ta'u'uuf cuuphamtan maruu Kiristoosiin uffattaniirtan. Yihuudii yookaan namni Giriikii hin jiru. Garbichi yookaan wolabaan hin jiru, dhiira yookaan intala jechuun hin jiru; marti keessanuu Yesuus Kiristoosiin keessatti nama tokko waan taataniif. Isinillee eega ka Kiristoosii taatan, akkasuma isin fiixaa Abrahaamii worra dubbii abdi'ii dhaalu. Haa ta'uu ammo ani ammallee akkana jedha; Ilmi qabeenna abbaa ufii dhaalu tokko yoo qabeenna abbaa ufii maraa irratti abbaa ta'e, haga ijoollumma'aan jiru garbichaan garaagarummaa hin qabu. Haga guyyaa gaafa haaganaa abbaan qabeetitti harka worra isa guddisuu fi worra isa bulchu jala jiraata. Akkasuma nullee Ayyaanaan uduu hin guddatiniin duratti, seera biyya lafaatiif garboota turre. Haa ta'uu ammo hennaa barri murtaaye sun gaye, Rabbi ilma ufii ka dubartii irraa dhalate, ka Seeraa gad ta'e erge. Innillee worra Seera jala jiran booji'ee ilmaan Rabbii nu taasisu'uuf kana godhe. Ilmaan isaa waan taaneef Rabbi Ayyaana, «Abbaa!, Abbaa!» jedhee waamu gara keenna erge. Ammaa achi ati ilma malee garbichaa miti. Kanaafuu eega ilma taate, akkasuma karaa Kiristoosiitiin ka jeennata Rabbii dhaalu taateerta. Haa ta'uu ammo hennaa san Rabbiin uduu hin beekin, amala keessaniin ka waaqa tolfama'aaf garboota taatan. Amma ammo haga Rabbiin beettan, keessattuu haga Rabbiin beekkamtaniin maayessa attamitti deebitanii gara dadhabbi'ii, gara waan tuffatamee fi gara barumsa duraa ka faayidaa hin qabnee gara galtanii, garbicha taatanii isaanii bitamuu feetanii? Guyyaa, ji'a, bonaa gannaa fi woggaa addaan baaftanii kabajjitan. Maal laataa, «Tasa isiniif xaare» jedhee isin sodaadha. Obboleeyyan tiyya! Anillee akkasuma ammo deebi'ee akka keessan waan ta'eeruuf, akka kiyya ta'aa'a jedhee isin kadhadha. Isin womaa na hin yakkine. Duraan hennaa Dubbii Nagayaa isinitti himu, sababa dhibee kiyyaatiin akka ta'e hin beettan. Waan foon kiyyaatiif yoo ataabee isinitti ta'ellee isin ammo na hin tuffanne; na hin jibbinelle'e. Haa ta'uu ammo akka maleekkaa Rabbiititti, Ee akka Yesuus Kiristoosiititti na simattan. Eegasuu gammachiisuun keessan sun eessa dhaqe ree? Uduu isiniif danda'amee ija keessan uf keessaa baaftanii naa kennuun fedhii keessan akka ta'e anuu ragaa isinii baya. Eegasuu waan dhugaa isinitti himeef ani diina isinitti ta'ee? Jabeessanii isin soqan; haa ta'uu ammo waan misha'aafii miti; wonti jabeessanii isin soqaniif isin yaada keessan isaan irra akka kaayattaniif; nu irraa adda isin fooyuu barbaadan. Haa ta'uu ammo hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin ta'in, uduu worra hennaa maraa waan misha'aaf barbaadaman taatanii misha'a. Ijoollee tiyya! Haga bifti Kiristoosii isin keessatti mudhatutti, ammallee waan keessaniif akka dubartii deettuutitti ciniinsifadha. Waan keessan waan mamuuf, amma isin bira taa'ee uduu isin woliin qaaqee natti tola. Isin worri seera jala jiraachuu barbaaddan, waan seerri jedhu hin dhageettanii? Mee natti himaa'a! Abrahaam ilmaan lamaan uumate keessaa tokko garbittii irraa, kaan ammo bantittii irraa akka uumate barreeffameera. Haa ta'uu ammo ilmi garbitti'iillee akka fedha fooniititti dhalateera; ka bantitti'ii ammo dubbii abdi'iitiin dhalateera. Wonti kun akka fakkeennaatitti fudhatama; dubartoonni lamaan tunniin akka waadaa lamaaniititti laallaman. Dabra Siinaa keessaa takkattiin garbumma'aaf ijoollee deetti; Isiinillee Aggaari. Aggaariin tun ta Dabra Siinaa lafa Arabaa keessa jirtu fakkaatti. Ammallee Yerusaalemii amma jirtu tana fakkaatti. Ijoollee isi'ii woliin garbummaa keessa waan jirtuuf. Yerusaalemiin ol gubba'aa ammo ta bilisumma'aan jiraata'aartu; isiinillee haadha teenna. Barreeffama Woyyuu keessatti, «Ijoolleen dubartii abbaa manaa qabduu caalaa, ijoolleen dubartii abbaa manaa hin qabnee waan heddummatteef; ati dhabduu deettee hin beenne gammadi; atillee ta ciniinsifattee hin beenne iyyii ililfadhu!» jedhamee barreeffameera. Obboleeyyan tiyya! Nullee akkuma Yisaaqii ijoollee abdiin kennameeruuf. Haa ta'uu ammo akka fedha fooniititti ka dhalate ka akka fedha Ayyaanaatitti dhalate, hennaa san akkuma ari'e, adhallee akkasuma. Haa ta'uu ammo Kitaabni maal jedha? «Ilmi garbitti'ii, ilma bantitti'ii woliin waan hin dhaalleef, garbittii mucaa isi'ii woliin ari'i!» jedha. Kanaafuu obboleeyyan tiyya, nu ijoollee bantitti'iiti malee ta garbitti'iitii miti. Wolabumma'aan akka jiraannuuf Kiristoos wolaba nu baase. Eegasuu jabaadha'aa dhaabadhaa'a! Deebitanii qambara garbumma'aatiin hin qabaminaa'a! Eeganaa ani Phaawuloos akkana isiniin jedha; yoo gadoomtan Kiristoos womaa isin hin fayyadu. Seera maraa akka raawwatu dirqamni irra jira jedhee worra gadooman maraa tokko tokko isaaniitittillee akkasuma ragaa baya. Worri Seeraan qajeellota ta'uu barbaaddan Kiristoosiin irraa fooyamtanii badhaadha Rabbii irraa kuftaniirtan. Nu Ayyaana amanti'iitiin abdii wolabumma'aa waan eeggannuuf. Jaalala amantii Yesuus Kiristoosiin ta'e hujuu malee, gadoomuun yookaan gadoomuu dhabuun waan hin fayyanneef. Isin akka mishaa fiiga'aa turtan; garuu dhuga'aaf akka hin ajajamne eentu isin dhoogge? Sossobbiin akkanaa kun ka isin waame irraa miti. Raacitiin diqqoon dukkuussii maraa hin bukeessa. Waan adda ta'e horoma akka hin yaanne, ani Gooftaa waan keessaniif hedadheera; eennullee ka isin raasu yoo jiraate murtee ufii argata. Haa ta'uu ammo, obboleeyyan tiyya! haga ammaa ani uduu waan gadoomu'uu himee silaa haga ammaa maaf na ari'an? Eeganaa gufuun fannoo Kiristoosiitiin kara'aa dhooggameera. Worri isin jaanjursan sunniin gadoomuu callaa uduu hin ta'in, uf irraallee haa muranii. Obboleeyyan tiyya! Isin wolabumma'aaf waamamtaniirtan; ammoo wolabumnaan keessan foonii akka sababaa hin kennine. Haa ta'uu ammo isin akka garbootaa wolii ta'aa'a. Seerri maruu dubbii tokkoon waan raawwatamuuf innillee, «Goshoo kee akka uf jaalattutti jaaladhu!» ka jedhu. Haa ta'uu ammo isin uduu wol ciniintanii fi wol nyaattan akka wol hin balleessine uf eegaa'a! Haa ta'uu ammo akkana jedha; Ayyaana Woyyu'uun jiraadhaa'a; hawwii foonii sirima hin raawwatinaa'a. Fedhiin foonii fedhii Ayyaanaatiin waan wol faalleessuuf kunniin lamaan waan wol mormaniif kanaafuu waan jaalattan godhuu hin dandeettan. Yoo Ayyaana Woyyu'uun masakkamtan ammo, Seeraa gad hin jiraattan. Hujiin foonii addaata'a; innillee seebaruu, battaa'ummaa, wol hoossuu, waaqa tolfamaa waaqeffatuu, falfaluu'u, diinummaa, wol mormii, hinaaffaa, loluu'u, uf jaalachuu'u, wol fooyuu'u, gumbisuu'u, machii, jireenna adaba hin qabnee fi ka kanniin fakkaatu; akkuma kanaan dura isinitti hime, worri waan kana godhan horoma jeennata hin galan. Daraaraan Ayyaanaa ammo jaalala, gammachuu, nagaya, obsa, arjummaa, mishooma, amantii, gara laafumma'aa fi uf qabu'u; seerri waan akkanaa kanniin dhooggu hin jiru. Worri ka Yesuus Kiristoosii ta'an, hawwii hamaa foon isaanii woliin fannisaniiran. Yoo Ayyaana Woyyuu keessa jiraanne, Ayyaanuma kanaan haa jiraannuu. Ufii wolitti kakka'aa, hinaaffaa duwwa'aan akka uf hin janye. Obboleeyyan tiyya! Namni yoo balleessaa kamiinuu hojjatee argame, isin worri ka Ayyaanaa taatan isin nama akkanaa kana Ayyaana gara laafumma'aatiin qajeelchaa'a. Atillee akkasuma akka hin qoratamne uf eegi. Isin keessaa gari gariin ba'aa nama kaanii haa baadhatuu; akkasuma seera Kiristoosii raawwadhaa'a. Namni tokko uduu womaa hin taane yoo waan waa ta'e itti fakkaate uf soba. Haa ta'uu ammo namni maruu hujii ufii haa qoratuu. Achiin maayessa ka nama biraa wol bira qabee uduu uf hin laalin ufumaa waan ittiin uf jaju argata. Namni maruu ba'aa ufii waan baadhatuuf. Haa ta'uu ammo namni dubbii Rabbii baratu ka barsiisu woliin waan mishaa maraa qoodama. Hin dogoggorinaa'a! Rabbi ka itti baldanii miti. Namni waanuma facaafate san maraa haamata. Namni fedha fooniitiin facaafatu fooniin badii haamata. Namni fedha Ayyaanaatiin facaafatu ammo Ayyaanaan jireenna bara baraa haamata. Waan mishaa hojjachuu akka hin dadhabne yoo abdii kutuu baanne, hennaa haamaan gaye hin haamanna. Eeganaa yoo hennaa arganne nama maraafuu, keessattuu worra amantootaatii waan mishaa haa goonuu. Attamitti akka harka kiyyaan qubee gugurda'aan isinii barreesse laalaa'a. Worri fooniin mishaa ta'anii mudhachuu fedhan maruu, akka isin gadoomtan isin giddisiisan; Haa ta'uu ammo waan fannoo Kiristoosiitiif akka miidhaan isin irra hin geenne calla'aaf. Gadoomuu keessaniin uf jajuu barbaadan malee, isaan worri gadoomanuu seera hin eenne. Fannoo Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosii ka adunyaan ittiin naa fannifamte, ka anillee ittiin adunya'aaf fannifame saniif malee, waan biraatiin uf jajuun na irraa haa fagaatu. Yesuus Kiristoosiin dhaloota haarawa ta'u'utu fayyada malee, gadoomuu ta'ee'e yookaan gadoomuu dhabuun womaa waan hin fayyanneef. Worra Seera kanaan jiraatan maraa fi Israa'elii worra Rabbii ta'an irratti nagayaa fi dhiifamsi haa ta'u. Ani gadaannisa Yesuusii nafa kiyya irraa waan qabuuf, ammaa achi wonti tokkollee na hin dadhabsiisu. Obboleeyyan tiyya! Badhaani Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosii hafuura keessan woliin haa ta'u! Amiin. Phaawuloosii fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e irraa worra Yesuus Kiristoositti amantanii Rabbiif woyyoota taatanii Efesooniin keessa jirtaniif. Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaadhaa fi nageenni isiniif haa ta'u. Kiristoosiin keessaan samii irratti eebba sami'ii maraan ka nu eebbise Rabbi Abbaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii haa eebbifamu. Uduu adunyaan hin uumamne afoo isaatitti woyyootaa fi worra mudaa hin qabneef jaalalaan akka jiraannuuf karaa Kiristoosiitiin nu filate. Akkuma fedha ufii misha'aan nu jaalate, hujii Kiristoos Yesuusiitiin ijoollee isaa akka taanu firrisee murteesse. Wonti ilma ufii jaalatamaa akkanumaan nuu kenneef akka ulfinni badhadhummaa isaa galatoonfamuuf kana godhe. Akkuma durummaa Ayyaana Rabbiititti dhiiga Kiristoosiitiin furamuu, araara cubbuu keennaa arganne. Badhaadhaa fi ogummaa sammuu kenna maraa keessatti nuu dhangalaase. Akkuma karaa Kiristoosiitiin hojjachuu jaalatetti akka yaada dhossaa fedha isaa wonti nutti beessiseef, Bara dhumaa keessa waan godhu'uuf karoorfate, waan ardi'ii fi samii irra jiru maraa, karaa Kiristoosiitiin wolitti qabu'uuf. Rabbiin waa maraa akka fedha ufiitii fi gorsa ufiititti hojjatu, akkuma duraan murteesse ammallee isaa akka taanuuf karaa Kiristoosiitiin nu filate. Kunillee karaa Kiristoosiitiin firrifnee nu worri abdii goone ulfinna galata isaa akka taanuuf. Isinillee akkasuma dubbii dhuga'aa, innillee Dubbii Nagayaa keenna ka isin fayyise dhageettanii akkasuma Kiristoositti amantanii Ayyaana abdi'iitiin Ayyaana Woyyu'uun chaappeeffamtaniirtan. Ayyaanni waan Rabbi banii ufiitiif waadaa gale fudhachuu keenna hin mirkaneessa. Ulfinna Rabbiitiif galata haa galchinuu. Kanaafuu anillee akkasuma isin biratti waan ta'uuf waan Gooftaa Yesuus Kiristoositti amanu'uutiif jaalala isin woyyoota maraaf qabdan dhagayee, waan keessaniif Rabbiin galatoonfata'aa hennaa Rabbiin kadhadhullee, waan keessan qaabachuu hin dhiisu Abbaan ulfinnaa Rabbiin Abbaa keenna Yesuus Kirstoosii akka isin isa beettan, Ayyaana Ogumma'aatii fi mudhata akka isinii kennu Rabbiin kadhadha. Kunillee ijji qalbii keessanii yoo banamtu, abdiin waamicha isaa maal akka ta'u ka woyyoota bira jiru, ulfinna risti'iitii fi durummaan maal akka ta'e, nu worra amannuuf ka hunnaan maraa caalu maal akka ta'e akka beettaniif. Kiristoosiinillee worra du'an keessa yoo kaasu hangafumma'aa fi baalliillee, hunnaa fi gooftummaa maraa oliif adunyaa kana callaa irratti uduu hin taane, adunyaa dhufuufillee, akkasuma ammo maqaa waamamu maraa maqaa caalu sami'itti mirga ufii hennaa isa kaayu, hujii Kiristoosiin hojjattan jabeenni hunna isaa hin mudhata. Waa maraa luka isaa jala galchee maraa olitti mataa godhee Woldaa Kiristaanaatiif kenne. Isiinillee ta karaa maraan guutummaa isaa guuttu. Ijoollee tanniin jiddu'utti, nu marti keenna akkasuma fedha foonii ka qalbii keennaa hojjata'aa, asiin dura dharraa foon keennaatiin jiraata'aa turre. Akkasuma akkuma kaawwanii, uumamuma keennaan ijoollee dheekkamsaa turre. Haa ta'uu ammo Rabbi araara ufiitiin dureessa waan ta'eef, sababaa jaalala guddaa nuuf qabuun hennaa hammeenna balleessaa keennaan worra du'e taanee turre, Kiristoosiin woliin jireenna nuu kenne. Isin badhaadha Rabbiitiin fayyitaniirtan. Badhaani isaa amanti'iin isin fayyiseera. Kunillee kennaa Rabbiiti malee hujii keessaniinii miti. Eennullee akka uf hin janye kun huji'iinii miti. Nu uumama isaa waan taaneef Rabbi firrisee hujii mishaa inni qopheesse akka hojjannuuf karaa Yesuus Kiristoosiitiin uumamne. Isin worri kanaan dura dhalootaan Yihuudii hin taane, worra harka namaatiin gadoome ka hin gadoomne jedhamtan kana yaadaa'a. Bara san mootummaa Israa'elii irraa fagaattanii dubbii waadaa abdi'iitiif keessummoota taatanii, adunyaa kanatti abdii dhabdanii Rabbiin irraa fooyamtanii Kiristoosiin ala turtan. Amma ammo isin worri dura Rabbiin irraa fagaattanii turtan, ka Yesuus Kiristoosii ta'u'uun dhiiga Kiristoosiitiin gara isaa dhiyaattaniirtan. Inni nagaya keenna. Lamaanuu ka tokko godhee seera labsi'iin himame diigee, dallawa lolaa foon ufiitiin diige. Kunillee lamaan isaanii irraa nama haarawa tokko ufumaa uumee nagaya buusu'uuf. Jibba fannoo isaa irratti ajjeesee isaan lamaanuu qaama tokkoon Rabbiin wolitti araarse. Dhufee isin worra Rabbiin irraa fagaattanii turtaniif nagaya, worra gara Rabbii dhiyaattanii jirtaniifillee nagaya gammachuu jedhee lallabe. Hujii isaatiin nu maruu Ayyaana tokkoon gara Aabbaa galuu hin dandeenna. Eeganaa ammaa achi isin woyyoota woliin biyya tokkoo fi maatii Rabbiiti malee galtu'uu fi keessumma'aa miti. Hundee ergamtootaatii fi raattotaa irratti ijaaramtaniirtan; utubaan dhaga'aallee Yesuus Kiristoos. Isumaan gamoon maruu wol qabatee Goofta'aan mana woyyuu ta'u'uuf guddata. Isinillee akkasuma Rabbiif hulee jireennaa ta'u'uuf Ayyaanaan isa woliin ijaaramtan. Kanaaf isin waan worra Yihuudii hin taane taataniif ani Phaawuloos ka waan Yesuus Kiristoosiitiif hidhamaa ta'e, waan keessaniif Rabbiin afo'otti jilbiiffadha. Isin dhugamaan waan hujii Ayyaana Rabbii ka isiniif natti kenname san dhageettaniirtan. Akkuma armaan dura gabaabsee isinii barreesse dhossaa kana akka ibsu na beessise. Kanallee yoo dubbiftan dhossaa Kiristoosii attamitti akka hubadhu arguu hin dandeettan. Akka hujii hunna isaatii fi akka Ayyaana Rabbii ka naa kennameetitti hojjataa isaa ka Dubbii Nagayaa himu ta'eef. Ogummaan guddaan Rabbii ka adda addaa amma karaa woldaa amanti'iitiin, worra samii irra jiraniif bulchootaa fi worra baallii qabanitti akka beekkamuuf. Kunillee yaada bara baraa ka Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos raawwate. Isa biratti karaa amantii qabnuutiin amanachu'uun seenu'uuf uggineerra. Kanaafuu waan keessaniif rakkinna na irra jiruuf akka hin dadhabne isin kadhadha. Kun ulfinna keessan waan ta'eef. Sababaa kanaaf Rabbii Abbaa ardi'ii fi samii afo'otti waan keessaniif hin jilbiiffadha. Maatiin ardi'ii fi samii irra jiru maruu maqaa dhuga'aa Rabbiin irraa argatan. Ayyaana isaatiin keessa qaama keessaniitiin guddiftanii akka jabaattan. Kiristoos amanti'iin akka garaa keessan keessa jiraatu, akka durummaa Ayyaana isaatitti isinii haa kennu. Hiddinii fi hundeen keessan akka jaalalaan dhaabatu jaalala Kiristoosii ka badhinni, dheerinni, ol fageenninii fi gadi fageenni hagam akka ta'eef hubannaa sammuu namaatii ol ta'ee, woyyoota maraa woliin beeku'uuf akka waan Rabbii maraan jabaattanii guuttamtaniif isinii kadhadha. Eeganaa haga hunna nu irratti hojjatuutitti waan kadhannu yookaan haga yaannu maraa caalaa guddisee caalchisee Rabbii godhuu danda'uuf, Karaa woldaa Kiristaanaatii fi karaa Yesuus Kiristoosiitiin baraa haga bara baraa ulfinni Rabbiif haa ta'u! Amiin. Eeganaa ani ka waan Goofta'aatiif jedhee hidhamaa ta'e, waamsa itti waamamtaniif akka ta'utti akka jiraattan isin kadhadha. Kasoo ta'u'uun, gara laafumma'aan, obsa maraan, jaalalaan wolii obsaa'a. Karaa nagayaatiin tokkummaa hafuuraa eegu'uuf jabaadhaa'a. Waamamuu keessaniif akkuma hennaa waamatan abdii tokkoon waamamtan mara, qaama tokkoo fi Ayyaana tokko qabdan. Gooftaan tokko; amantiin tokko; cuuphaan tokko. Ka waa maraa ol ta'e, ka maraa keessatti hojjatu, ka maraa keessa jiraatu, Gooftaan abbaa namoota maraa ta'e Waaqa tokkochatu jira. Haa ta'uu ammo akka kennaa Kiristoosiitiin nu maraafuu badhaani kenname. Kanaaf, «Hennaa ol baye, boojuu hedduu booji'ee, namootaaf kennaa kenne» jedha. Kanaafuu, «Ka ol baye» jechuun ka gara lafa gadi fago'ootitti gadi bu'e jechu'u malee maal jechu'uu? Ka bu'e kun maraa guutu'uuf ka gara samii samii gubba'aatitti ol bayellee isuma. Innillee gari garii ergamtoota, kuuwwan raattota, kuuwwan worra Dubbii Nagayaa lallabu, kuuwwanillee tisse'ee fi barsiisoota akka ta'an kennaa kenne. Akka dogoggora soba fakkeessuu, sababaa soba namootaatiin qilleensa barumsa sobaa maraan asii fi achi daddarbama'aa asii fi achi rarra'a'aa ammaa achi daa'imman ta'uun nuuf hin ta'u. Haa ta'uu ammo dhugaa jaalalaan qaba'aa, waan maraanuu gara Kiristoosii mataa ta'ee haa guddannuu. Sababaa kanaaf qaamni maruu akka hojjatu ribuun maruu akka hujii isaaniititti woliin wol qabatee jaalalaan uf ijaaruun qaama guddisa. Eeganaa worri Yihuudota hin taane akkanumaan sammuu duwwa'aan akka jiraata'aa turan sanitti ammaa achi akka hin jiraanne jedha'aa Gooftaa keessa ta'ee raga. Isaan rakkinna wollaala isaaniitiin, garaa jabaachuu isaaniitiin yaanni isaanii dukkanaayee Rabbiin irraallee fagaatan. Waan qalbiin isaanii dhama'eef battumma'aa fi dhara maraa hojjachu'uun seebaru'uuf dabarsanii uf kennan. Isin ammo Kiristoosiin irraa akkana hin baranne. Dhugamaan dhageettaniirtan; dhugaan akka Kiristoosiin keessa jirtu isa irraa barattaniirtan. Jireenna keessan ka durii yaada'aa dharraa namummaa moofaa nama sobuu fi nama balleessu uf keessaa balleessaa'a. Ayyaana qalbii teessaniitiin haarawoomaa'a. Qajeellumma'aa fi woyyummaa dhuga'aan ta'uun namummaa haarawa akka fakkeenna Rabbiitiin uumame uffadhaa'a. Kanaafuu soba uf keessaa balleessaa'a; nu qaama tokko waan taaneerruuf. Isin martinuu goshoo keessan woliin dhugaa qaaqaa'a. Lolaa'a! garuu cubbuu hin hojjatinaa'a. Lola keessan irratti aduun akka hin dhiine daabiloosii hiree hin kenninaa'a. Ka hate ammaa achi hin hatin; haa ta'uu ammo bikka ka qara hatee, worra jalaa hanqateef waan kennuuf akka argatu harkuma ufiitiin waan mishaa hojjatu'uuf haa dadhabuu. Worra isa dhagayaniif badhaadha akka kennuuf akka ka dadhabe jajjabeessitan, dubbii mishaa dubbadhaa malee hamaan afaan keessanii sirima hin bayin. Ayyaana Woyyuu Rabbii ka guyyaa fayyinnaa saniif ittiin chaappeeffamtan hin gaddisiisinaa'a. Biibbayuu, aaruu, loluu, wocuu, nama arrabsu'uu fi hammeenni maruu isin keessaa haa badu. Arja'aa fi garalaafeyyii wolii ta'aa'a. Akkuma Rabbi Kiristoosiin irraan isinii araarame, isinillee wolii araaramaa'a. Eeganaa akka ijoollee jaalatamaniititti Rabbiin faanaa deemaa'a. Akkuma Kiristoos isin jaalate, kenna'aa fi ciincaa urgaayaa uf godhee Rabbiif uf kenne, isinillee jaalalaan jiraadhaa'a. Wonti woyyootaa hin taane seebaruun, battumma'aa fi hawwuun isin biratti sirima hin dhagayamin. Wonti nama saalfachiisu amshaagguunii fi haasofni ceem'aaniif shaqqaaddiin fa'a waan hin barbaachifne waan ta'eef isin biratti hin argamin. San caalaa ammo worra galataa ta'aa'a. Waan kana beekaa'a; seebara yoo ta'e, yookaan battii, yookaan ka dharra'u, ka waaqa tolfamaa waaqeffatullee, Kiristoosii fi jeennata Rabbiititti ristii hin qabu. Sababaa kanaaf ijoollee hin ajajamne irratti lolli Rabbii waan dhufuuf eennullee dubbii duwwa'aan isin hin sobin. Eeganaa namoota akkanaa woliin tokko hin ta'inaa'a. Dura dukkana keessa turtan; amma ammo Goofta'aan worra ifaati. Hujii dukkanaa ka daraaraa hin qabne woliin wol hin ta'inaa'a, caala'atti ammo isaan ifatti baasaa malee, Waan isaan dhossa'atti godhan dubbachuunuu nama saalfachiisa. Maruu ammo hennaa ifatti baye addaataa mudhata. Ka mudhatu maruu ifa waan ta'eef, «Ati ka raftu dammaqi! worra du'an keessaa ka'i! Kiristoos sii ibsaa» jedhame. Eeganaa akka Ogeeyyi'iititti malee akka worra ogummaa hin qabneetitti hin jraatinaa'a, attamitti akka jiraattan uf eegaa'a. Guyyoonni waan hammeeyyii ta'aniif, carraa qabdan maratti fayyadamaa'a; Kanaaf fedhiin Rabbii maal akka ta'e hubadhaa malee, gowwoota hin ta'inaa'a. Ayyaana Woyyu'uun guuttamaa malee daadhii woyini'iitiin hin machaayinaa'a; kun xaarii waan ta'eef. Faaruu faarfachu'uun, weedduu Ayyaanaatiin woliin qaaqaa'a. Goofta'aaf garaa keessan keessatti weeddisa'aa faarfadhaa'a. Hennaa maraa waan maraafuu maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin Waaqa Abbaa keenna waa maraafuu galatoonfadhaa'a. Isin maruu ulfinna Kiristoosiitiif jedha'aatii wolii ajajamaa'a. Haawwota manaa! Akkuma Goofta'aa ajajamtan abbaa manaa keessanii ajajamaa'a. Akkuma Kiristoos woldaa Kiristaanaa ta fayyisee fi ta qaama isaa taatee mataa ta'e, abbaan manaa mataa haadha manaati. Akkuma woldaan Kiristaanaa Kiristoosii ajajamtu, akkasuma haatii manaa ammo waa maraanuu abbaa manaa ufiitii haa ajajamanii. Isinillee abboonni manaa! Akkuma Kiristoos woldaa Kiristaanaa jaalate, haadha manaa teessan jaaladhaa'a. Inni Woldaa Kiristaanaa dubbii ufiitiin bisaaniin dhiqee qulqulleessee Rabbii Woyyoomsu'uuf kana godhe. Xurii yookaan fuula qonshooruu yookaan wonti akkana jiru kun uduu isii irratti hin taane, woyyitti'ii fi ta mudaa hin qabne akka taatu, woldaa Kiristaanaa kabajjamtuu ta ufii godhatuu barbaade. Akkasuma abbaan manaa akka nafa ufiititti haadha manaa ufii jaalachuun isaan barbaachisa. Ka haadha manaa ufii jaalatu uf jaalata. Eennullee ka nafa ufii jibbu waan hin jirreef, akkasuma ammo qaama nafa isaa waan taaneef, akkuma Kiristoos woldaa Kiristaanaatiif godhe hin nyaachisa, hin eega. Kanaafuu namni haadhaa fi abbaa ufii hin dhiisa; haadha manaa ufiititti maxxana; isaan lamaanuu foon tokko ta'an. Kun dhossaa gudda'a, ani ammo kana waan Kiristoosiitii fi waan woldaa Kiristaanaatiif jedha. Ta'ullee isin keessaa akkasuma ammo marti keessanuu akkuma uf jaalattanitti haadha manaa teessan jaaladhaa'a; haati manaallee abbaa manaa ufii haa kabajjituu. Ijoolle! Goofta'aaf jedha'aatii haadhaa fi abbaa keessanii ajajamaa'a; kun qajeelaa waan ta'eef. Isinillee abbootiin! Ijoollee teessan gorsa Goofta'aatiin isaan guddisaa malee hin rifachiisinaa'a. Isin Garboonni! akkuma Kiristoosii ajajamtan kabajja'aa fi soda'aan yaada qajeela'aan worra fooniin gooftaa isinii ta'anii ajajamaa'a. Akka worra fedhii Rabbii raawwatuu akka garboota Kiristoosiititti malee, akka waan nama gammachiiftaniititti mudhachu'uuf hin ajajaminaa'a. Namaaf uduu hin taane, Goofta'aaf akka ajajamtan jabaachu'uun fedhii misha'aan ajajamaa'a. Garbichaa ta'ee'e yookaan wolabaan martinuu waan godhu waan mishaa maraa Gooftaa irraa gatii akka argatu waan beettaniif. Isinillee gooftonni! dhaaduu dhiisa'aatii akkanuma isaanii godhaa'a; Gooftaan isinii fi isaanillee bulchu akka samii jiru, fuula namaa laalee akka wol hin caalchifne waan beettaniif isaan hin sodaachisinaa'a. Waan hafeen worra Goofta'aaf hunna isaa cima'aan jabaate ta'aa'a. Akka soba daabiloosii mormuu dandeettan mi'a woraanaa ka Rabbii maraa uffadhaa'a. Wondhaansi keenna dhiigaa fi foon woliin waan hin taaneef; bulchoota, worra baallii qaban, bulchoota abbaa dukkanaa ka adunyaa tanaa, worra samii keessa jiran loltoota ayyaana hammeeyyi'ii woliin. Kanaaf gaafa hamaa dhaabachuu akka dandeettan mi'a Rabbii ka lolaa maraa hidhadhaa'a. Eeganaa mudhii keessan dhuga'aan hidhadha'aatii, qajeellummaa akka meeshaa woraanaatitti qomatti uffadha'aa dhaabadhaa'a; Dubbii nagayaallee akka kophe'ee lukatti godhadha'aatii qophaaya'aa dhaabadhaa'a. Maraa irratti edaatanii darbata bobaya hammeennaa mara akka dhaamsuu dandeettan wontee amanti'ii ol fuudha'aa qabadhaa'a. Fayyinna akka gulloo sibiilaatitti mata'atti godhaa'a; guraadee Ayyaanaa qabadhaa'a; innillee dubbii Rabbiiti. Faate'ee fi kadhanna'aan hennaa maraa Ayyaana keessa ta'a'aa Rabbiin kadhadhaa'a. Yaaduma kanaan waan woyyoota maraa kadhata'aa, jabaadha'aa dhaabadhaa'a. Anillee akkasuma dhossaa Dubbii Nagayaa addaata'atti akka beessisuuf akka afaan kiyya banadhu dubbii akka naa kennu waan kiyyaafillee Rabbiin naa kadhadhaa'a. Dubbiin Nagayaa kunillee isuma ani haada sibiilaatiin hidhamee ergamaa ta'eef, akka dubbachuun na irraa eeggamutti waan isaa addaataa akka dubbadhu Rabbiin naa kadhadhaa'a. Isinillee akkasuma attamitti akka jirru, jireenna kiyya akka beettaniif obboleessi jaalatamaanii fi Goofta'aan hojjataan amanamaan Tikiqoos waa maraa isinitti hima. Wonti gara keessan erguuf, waan nu keessa jiru akka isinitti himuu fi akka isin jajjabeessuuf. Nageenni Rabbii ka Gooftaa Yesuus Kiristoosii jaalallinii fi amantiin obboleeyyaniif haa ta'u. Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin biraa jaalalli hin banne worra isa jaalatan maraa woliin baadhani haa ta'u. Amiin! Garboota Yesuus Kiristoosii Phaawuloosii Fi Ximootewoosiin irraa, worra qachaa Filiphisiyuusii keessa jiraatan worra qulqullootaa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin qajeellota ta'an maraaf; akkasuma jaarsotaa fi gargaartoota woldaa Kiristaanaatiif: Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaadhaa fi nageenni isiniif haa ta'u. Ka isiniin hujii mishaa jalqabe, haga guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee dhufutti akka raawwatu kana waan hubadheeruuf. Isin waan garaa kiyya keessa jirtaniif ani waan keessan maraaf akkana yaaduun kiyya dhuga'a. Hidhama kiyya keessattillee falmachuu kiyyaaf akka Dubbiin Nagayaa cimee dhaabatu godhuu kiyya keessatti, martii keessan Ayyaana naa kenname keessaa qoodamtaniirtan. Jaalala Yesuus Kiristoosiitiin isin maraa attam akka yaade Rabbi naa raga'a. Obboleeyyan tiyya! kun wonti na irra gayeef, dhugamaan Dubbii Nagayaa badhisu'uuf akka ta'e akka beettan barbaada. Kanaafuu hidhamuun kiyya waan Kiristoosiitiif akka ta'e Waardiyoota mana mooti'iitii fi kaawwan maraa birattillee ifa ta'eera. Obboleeyyan Goofta'aan jiran irra caalaan isaanii waan hidhaa kiyyaatiif amanamanii ka duraa caalaa dubbii Rabbii sodaa malee himuu uggan. Gari gariin hinaaffa'aa fi qoxxe'een falmu'uun; kuuwwan ammo fedhii mishaa waan qabaniif waan Kiristoosii himan. Kunniin akka ani waan Dubbii Nagayaatiif tamaaggataa ta'ee muudame beekanii jaalalaan himan. Sunniin ammo hidhama kiyya irratti rakkoo waan na irratti fidan isaanitti fakkaatee, waan worra isaaniitiif fayyadu barbaadanii yaada qajeela'aan uduu hin taane, akkanumaan waan Kiristoosii qaaqan. Eegasuu rakkoon maal irratti? wonti sirnyaa fayyaalumma'aan ta'ee'e, fakkeessu'uun karama kamiinillee haa ta'uu Kiristoos haa lallabamuu; Ani kanaan gammada. Kun kadhaa keessanii fi kennaa Ayyaana Yesuus Kiristoosiitiin naaf fayyinna akka ta'u waan beekuuf gammada. Kun Hawwii kiyyaa fi abdii kiyya waan ta'eef, waan tokkottillee hin saalfadhu. Haa ta'uu ammo yoo lubbu'uun jiraadhe yookaan yoo du'e, Kiristoos jireenna kiyya irratti akka ulfaatu jabeenna guutuu qaba. Naaf jiruun Kirstoos, duutillee bu'aa kiyya. Haa ta'uu ammo fooniin jiraachuun naaf daraaraa huji'ii waan ta'eef maal akka filadhu hin beeku. Waan lamaan kanaan dhiphata'aa deemee Kiristoosiin woliin jiraachu'uuf dharra'a. Inni maraa irra mishaa waan ta'eef. Haa ta'uu ammo fooniin jiraachuun kiyya isiniif guddisee barbaachisa'a. Kanniin hubadhee isin biratti deebi'ee jiraachuun kiyya, isin anaan dhaadachuun keessan, Yesuus Kiristoosiin keessatti akka guddatu. Amanti'iin guddata'aa akka gammaddan, isin maraa woliin akka turu hin beeka. Eeganaa Dubbii Nagayaa ka Kiristoosiitiif akka ta'utti jiraadhaa'a; yoo kana ta'e, yoo dhufee isin arge yookaan isin irraa yoo fagaadhellee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessanii fi akka tokkumma'aan Dubbii Nagayaa wol geessu'uuf tattaafattaniirtan hin dhagayaa. Woma tokkoonuu worra isin mormu hin sodaatinaa'a. Kun isaaniif badi'i; isiniif ammo malkata fayyinnaati. Kun waan Rabbiin irraa ta'e. Kun waan Kiristoosiitiif, isinii waan kennameeruuf. Waan isaatiif akkasuma isatti amanuu callaa uduu hin taane waan isaatiif akkasuma rakkinnillee isin irra gaya. Rakkinnuma na irratti dhageettanii fi argitan santu isin irrallee gayeera. Karaa Kiristoosiitiin gorsa, jaalalaan jabaachu'uun, Ayyaana Woyyu'uun tokkummaa wolii qabaachu'uun, gara laafinnaa fi araaraan gammachuu kiyya fiixaan naa baasaa'a. Yaada tokkoon wolii galaa'a; jaalala tokko, qalbii tokkoo fi yaada tokko qabaadhaa'a. Bu'aa worra kiyyaatiif jechu'uun yookaan sababaa duwwaa uf jaju'uutiin waan tokkollee hin godhinaa'a. Haa ta'uu ammo isin martinuu hiriyyaa ufii akka waan isa irra caaluutitti gara laafumma'aan haa laalu. Namni martinuu waan isa fayyadu hin laalin; waan hiriyyaa isaatii ta'u malee. Yaanni Kiristoosiin keessa ture sun isin keessallee akkasuma haa ta'u. Inni uduu amala Rabbiitiin jiraata'aa jiru, Ulfinna Rabbumma'aa ka Rabbiin woliin isa qixxeessu akka waan gadi dhiisu'uutitti hin laakkofne. Haa ta'uu ammo Inni akka garbichaa ta'ee, duwwaa uf godhee; gadi uf deebisee; nama fakkaatee mudhate. Fakkeennaan akka namaa ta'ee uf salphise; haga fannifamee du'uutittillee hin ajajame. Sababa kanaaf Rabbi hagaa ol, ol ol isa aanse; maqaa maqaa maraa caalu kenneef. Kunillee worra ardi'ii fi samii, worri ardii jala jiran maruu, maqaa Yesuusiitiif akka jilbiiffatan. Arrabni maruu, ulfinna Rabbii Abba'aatiif, Yesuus Kiristoos Gooftaa akka ta'e ragu'uuf. Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! Hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin taane, hennaa maraa worra ajajamu, kabajja'aa fi soda'aan fayyinna keessan raawwadhaa'a. Waan fedha isaa mishaa soqu'uu fi raawwachuullee ka isin keessa kaayu Rabbiin waan ta'eef. Dhaloota daba'aa fi hamaa wodhakka'atti mudaa malee gara laafeyyii ijoollee Rabbii akka taatan uduu hin gungumne, uduu hamaa hin yaanne maraa godhaa'a. Edduu isaaniititti dubbii jireennaa dhiyeessa'aa adunyaa tana keessatti akka ifaatitti mudhattan. Kanaafuu duwwa'aaf akka hin dadhabneef ani duwwaa akka hin fiinne, guyyaa Kiristoos dhufu waan ittiin dhaadadhu naa ta'a. Haa ta'uu ammo ciincaa amantii keessaniitiif tajaajila keessanitti eda'amee, uduu lubbuun tiyyallee baatee hin gammada. Isin woliinillee gammadeera. Isinillee akkasuma gammadaa'a. Na woliinillee gammadaa'a. Haa ta'uu ammo anillee akkasuma waan jireenna keessanii beekee akka gammadu, daddafee Ximootewoosiin isinii ergu'uuf Gooftaa Yesuusitti abdii godha. Nama waan jiruu keessanii qajeellumma'aan yaadee dhiphatu, ani isa malee nama biraa eennuunillee waan hin qabneef. Martinuu ka Gooftaa Yesuus Kiristoosii uduu hin ta'in, woma ufii waan soqaniif. Haa ta'uu ammo ana woliin akka abba'aa fi ilmaa taanee, Dubbii Nagayaa na woliin akka tajaajilee fi akka qoramellee isinuu hin beettan. Eegasuu dubbiin tiyya maal akka ta'u hennaa beeke, dafee isa akka ergu abdii godha. Anillee ammo ariifadhee akka dhufu Gooftaa hedadheera. Akkasuma obboleessa kiyya ka na woliin hojjata'aa fi loltuu ta'e, isiniif ammo ka ergamaa ta'eef, ka waan na barbaachisuun na tajaajilu Ephafrodixosiin isinii erguun giddi'i. Inni isin maraa arguu waan yaadeeruuf akka dhibame waan dhageettaniirtaniif gaddeera. Inni dhugamaan dhibamee du'uu gaye. Haa ta'uu ammo Rabbi hin fayyiseen. Gadda irratti gadda akka natti hin edaane, gaddi sunillee anaaf malee isa calla'aafii miti. Eegasuu ammallee yoo isa argitaniin akka gammaddan, anaafille gaddi akka naa salphatu guddisee ariifadhee ergaan. Eegasuu maqaa Goofta'aatiin gammachuu guutu'uun simadhaa'a; worra akka isaallee kabajjaa'a. Tajaajila isin naaf kennuu hin dandeenne guutu'uuf jedhee hujii Kiristoosiitiif jedhee jiruu ufii uduu hin filatin du'uu gaye. Obboleeyyan tiyya! Waan hafeen Goofta'aan gammadaa'a; waan tokko deebisee isinii barreessuun na hin dhibu. Isiniif ammo nagaya. Worra akka sare'ee foon namaa nyaatanii fi hojjattoota hammeeyyii irraa uf eegaa'a. Worra seera fooniitiin waan hin taaneen dhugamaan gadoomneerra jedha'aa soban irraa uf eegaa'a. Nu worri Ayyaanaan Rabbiin waaqeffatuu, nu worra Yesuus Kiristoosiin dhaadannu, worra waan foonii hin hedanne, worra gadoomne waan taaneef. Ani ammo fooniin waan hedadhu qaba. Namni biraa eennuunillee yoo ta'e, ka fooniin hedatu waan qabu yoo itti fakkaate natu taraan. Ani ka guyyaa saddeetesso'ootitti gadoome; dhaloota Israa'elii keessaa ka gosa Biiniyaamii, Ibiroota keessaallee Ibiricha. Waan seeraa yoo na gaafattan ani nama gosa Faarisii ture. Waan hinaaffa'aa yoo gaafattan, woldaa Kiristaanaa balleessu'uuf ari'a'aa ture. Waan qajeellummaa seeraan argamuu yoo na gaafattan mudaa malee ture. Haa ta'uu ammo waan bu'aa naaf qabaa maraa Kiristoosiif jedhee akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayeera. Gooftaa kiyya Yesuus Kiristoosiin beekuun waa mara waan caaluuf ani waa maraa akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayee, isaaf jedhee waa maraan miidhame. Akka kanaan ani ka Kiristoosii ta'ee argame. Maarre qajeellummaan tiyya ta seera eegu'uun argamte uduu hin taane, ta Kiristoositti amanu'uun argamte; qajeellummaan tun Rabbiin irraa dhufti; amantii irratti hundoofti. Isaa fi hunna du'aa ka'iinsa isaa akka beeku, rakkoo isaallee akka qoodamuuf. Gara worra du'aa ka'anii gayu'uuf uduu naa ta'ee, du'aanillee isa fakkaachuu hawwa. Kana maraa argeera; yookaan guutuu ta'eera jechu'uu miti. Haa ta'uu ammo waan Kiristoos ka ufii ittiin na taasifate san, anillee kiyya godhachu'uuf fiiga. Obboleeyyan tiyya! Haga ammaallee akka waan harkaan gayadheetitti hin laakkayu. Haa ta'uu ammo waan tokko godha. Waan na duubatti hafe irraanfata'aa ka afoo kiyya jiru qabachu'uuf hiixadha. Gatii Rabbi karaa Kiristoos Yesuusiitiin ol na waame san argatu'uuf, gara galma sanii ariifadha. Eegasuu nu worri guutuu taane martinuu, kana haa yaannuu; waan tokko keessatti yaada addaa yoo qabaattan Rabbi akkasuma waan akkasii isinii ibsa. Ta'ullee woma duraan baranne callaa jabeessinee haa qabannuu. Obboleeyyan tiyya! Worra na fakkaattan ta'aa'a. Akkuma nullee fakkeenna isinii taanu, akkasumma worra fakkeenna keennaan jiraatu laalaa'a. Hedduun isaanii fannoo Kiristoosiitiif diina ta'anii waan jiraataniif, waan isaanii akkana isiniin jedhee ammumaa booya'aa isinitti hima. Waandhi isaanii garaa isaaniiti, ulfinni isaanii shingaa isaaniiti; yaanni isaanillee woma lafaati; dhumti isaanii badi'i. Nu biyyi teenna samii waan ta'eef, achiillee ammo qorichi deebi'ee dhufa jennee eeggannu Gooftaa Yesuus Kiristoos. Innillee nafa keenna salphataa nafa isaa ka ulfinna qabu san akka fakkaatuuf hin jijjiira. Kanaafuu obboleeyyan tiyya! worri ani yaaduu fi jaaladhu, worri badhaasa, gammachu'uu fi kallacha kiyya taatan, Akkasuma Goofta'aan dhaabadhaa'a. Jaalatamtoota tiyya, yaada tokkoon Goofta'aan akka wolii galaniif, Eewodiyaanii fi Sinxiikee hin gorsa. Atillee akkasuma hujii kiyyaaf ka na woliin dhuga'aan qabamte! Akka isaan gargaartu si kadhadha; maqaan isaanii kitaaba jireennaa keessatti worra barreeffaman Qaleminxoosii fi akkasuma na woliin worra hojjatan kuuwwanillee waan Dubbii Nagayaatiif na woliin dadhabaniiran. Hennaa maraa Goofta'aan gammadaa'a; ammallee deebi'ee jedhaa gammadaa'a! Gara laafinni keessan nama maraa biratti haa beekkamuu; Gooftaan dhiyo'o. Waa maraanuu Rabbiin kadhatu'uu fi waan kaawwaniitiifillee galata woliin, Rabbiin biratti kadhata keessan beessifadhaa'a malee, waan tokkoofillee hin dhiphatinaa'a. Nageenni Rabbii ka hubannaa sammuu nama maraatii ol ta'e, yaadaa fi onnee keessan karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin eega. Waan hafeen obboleeyyan tiyya! waan dhugaa ta'e maraa, waan ulfinna qabu maraa, waan qajeellummaa ta'e maraa, waan qulqulluu ta'u maraa, waan jaalala uf keessaa qabu maraa, ka oduu mishaa uf keessaa qabu maraa, waan mishaa ta'e ka galata qabu kanniin mara yaadaa'a. Waan na irraa barattanii fi waan na irraa fudhattan waan dhageettanii fi waan argitan kanniin maraa raawwadhaa'a. Waandhi nagayaa isin woliin ta'aa. Haa ta'uu ammo hennaa kanaan maayessa waan kiyya deebitanii waan yaaduu jalqabdaniif Goofta'aan guddisee gammada. Hennaa dhabdan malee yaaduullee hin yaaddan. Kana yoo jedhu waan hanqinnaa jechuu kiyyaa miti. «Wonti qabu na gaya» jechuu waan baradheeruuf. Salphinnallee hin beeka; baay'achuullee hin beeka; waan kamiifillee hennaa kamillee waan maraanuu guddisee beelayu'uu fi quufu'uun, qabaachu'uu fi dhabuullee baradheera. Hunna Kiristoos naa kennuun maraa danda'a. Ta'ullee hennaa rakkoo kiyyaa na woliin waan qoodamtaniif mishaa gootaniirtan. Isin namoota Filiphisiyuusii! jalqaba Dubbiin Nagayaa hennaa himamu, Maqedooniya'aa hennaa baye, isin malee woldaa biraatitti herrega kennu'uu fi fudhachuu na woliin akka hin qoodamne isinuu hin beettan. Hennaa ani Tasolonqee jiru harka tokkoo fi lama waan na barbaachisu naa ergitanii turtan. Kunillee akka eebbi baay'atee isinii kuufamuuf malee ani kennaa keessan barbaadeetii miti. Haa ta'uu ammo maraa hin qaba; naa baay'atalle'e; kennaa keessan ciincaa urgaaya'aa fi jaalatamaa ka Rabbiin gammachiisu Afirodiixiin irraa fudhadhee gammachu'uun guuttameera. Waandhi kiyyallee akkuma durummaa ulfinna Kiristoosiitiin waan isin barbaachisu maraa isinii guuta. Waaqa keennaa fi Abbaa keennaallee baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin. Woyyoota maraafuu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin nagaya isaanitti naa himaa'a. Obboleeyyan na woliin jiran nagaya isinii dhaamaniiran. Woyyoonni maruu, keessattuu ka gara worra mana mootii worra Rooma'aa ta'an, nagaya isinii dhaamaniiran. Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ayyaana keessan woliin haa ta'u. Amiin! Phaawuloosii fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'ee fi obboleessa isaa Ximootewoosiin irraa, Woyyoota Qolaasiyaasiin keessa jiranii fi obboleeyyan Kiristoosiin hedatan, Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaaninii fi nageenni isinii haa ta'u. Kunillee akkuma adunyaa maraa gaye, gara keessanillee gayeera. guyyaa Ayyaana Rabbii dhuga'aan dhageettanii fi beettan irraa jalqabee akkasuma akkuma isin keessallee jiru, akkasuma adunyaa irratti daraaraa daraara'aa guddata. Ephafiraa jaalatama'aa fi garbicha Rabbii ka nu woliin hojjatu irraa akkanatti barattan; innillee waan keessaniif tajaajilaa amanamaa Kiristoosiiti. Akkasuma waan jaalala keessanii ka Ayyaana Rabbiitiin ta'u nutti himeera. Kanaaf nullee akkasuma guyyaa kana dhageenne irraa jalqabnee, akka fedha beekkumsa isaa, ogummaa Ayyaanaatii fi sammuu keessanii hubannaa akka kennu waan keessaniif Rabbiin kadhachuu hin dhiifne. gammachuu woliin waa maraanuu obsu'uun dhaabattanii hunna ulfinna isaatiin jabeenna maraan jabaata'aa Rabbii akka ifa ristii woyyoota woliin qoodamnu nu taasise Aabbaan galatoonfata'aa, waa maraanuu isa gammachiisu'uun akka Goofta'aa ta'utti akka jiraattan isin kadhanna. Inni maraa dura, martuu isaan wol qabateera. Inni qaama isaa jechuun, mataa Woldaa Kiristaanaati. Innillee maraa afoo ta'u'uuf, worra du'an keessaa du'aa ka'u'uun hangafa. Kun hundeeffamtanii, midhaaffattanii, abdii Dubbii Nagayaa ka dhageettan irraa uduu hin raafamne, amanti'iin dhaabattanii yoo jiraattan isinii ta'a. Dubbiin Nagayaa sunillee uumama sami'ii gad jiran maratti ka himame. Anillee Phaawuloos tajaajilaa isaa ta'e. Ani amma waan keessaniif jedhee rakkachuu kiyyaan hin gammada. Waan nafa isaa jechuun waan woldaa Kiristaanaatiif foon kiyyaan rakkachuu Kiristoosiitiin waan hanqate anillee hin guuta. Waan keessaniif akkuma naaf kenname akka bulchaa mana Rabbiititti dubbii Rabbii raawwadhee akka himu, ani tajaajilaa woldaa Kiristaanaa ta'e. Dubbiin kunillee jalqaba dhalootaatii jalqabee dhossaa dhokatee ture; amma ammo woyyootatti mudhateera. Rabbi dhossaa ufii ka ulfinna guutuu qabu kana, worra Yihuudota hin taane jiddu'utti namoota ufiititti mudhisuu barbaade. Dhossaan kunillee Kiristoosii isin keessa jiru. Kiristoos abdii ulfinnaati. Nullee karaa Kiristoosiitiin nama guutuu ta'u maraa dhiyeessu'uuf, nama maraa gorsa'aa, namoota maraa ogummaa maraan barsiisa'aa ka lallabnu kana. Waan kanaafillee akkasuma na irratti hunnaan akkuma hojjatu hujii isaatitti wondhaansa bayu'uun dadhaba. Waan keessanii fi worra Lodoqiyaa jiran fuula kiyyallee worri hin argine martinuu dadhabbii guddaa attamii akka qabu akka beettan fedha. Onneen isaanii akka jajjabaatu jaalalaanillee wol ta'anii gara qalbifannaa hubanna'aan argamuutitti, gara durummaa maraa akka gayan, dhossaa Rabbii isallee Kiristoosiin akka beekaniif wondhaansa isaaniif baya. Galmee dhokate ka ogumma'aatii fi ka beekkumsaa maruu isaan waan ta'eef. Eennullee dubbii sossobu'uutiin akka isin hin dogoggorsine kana jedha. Fooniin yoo hagamillee fagaadhe, ayyaanaan isin woliin waan jiruuf seera keessanii fi jabeenna amantii keessanii ka Kiristoosiin qabdan arga'aa gammada. Eeganaa akkuma Gooftaa Yesuusiin amantanitti isaan jiraadhaa'a. Hidda gad fageeffadha'aa isa irratti ijaarama'aa; akkuma barattanitti amanti'iin dhaabadha'aa; worra guddisee galatoonfatu ta'aa'a. Akka barumsa Kiristoosiititti uduu hin taane, akka aadaa namaatiif akka nama adunyaa tanaa akka barumsa duraa waa uumu'uun soba'aa eennullee akka isin hin boojine uf eegaa'a. Guutummaan Rabbummaa isaa maruu nafa Kiristoosii irratti mudhatee waan jiruuf. Isinillee ka bulchiinsaa fi baallii maraa irratti mataa ta'e keessa taatanii guuttamtaniirtan. Namummaa foonii mulqatu'uun, Kiristoosiin keessatti gadoomu'uun, gadooma harkaatiin uduu hin taane isa keessa taatanii gadoomtaniirtan. Cuupha'aanillee isa woliin awwaalamtan; ka cuupha'aan akkasuma hujii Rabbiitiin worra du'e keessaa isa kaasetti waan amantaniif isa woliin kaataniirtan. Isinillee yakka keessaniif foon keessan waan hin gadoomneef, hennaa duutan isa woliin jireenna isinii kenne; cubbuu keessan maraa isinii dhiise. Ka nu irra ture ka nu mormu, ka ajajaan barreeffame barreeffama gati'ii jissee fannoo irratti dhayee, kara'aa isa kaaseera. Baalli'ii fi hunnoota maraa fannoo irratti injifatee hidhata isaanii hiissisee, booji'amtoota ta'anii akka mudhatan isaan taasise. Eeganaa nyaataan, dhuddo'oon, waan ayyaanaatiin, waan jalqaba ji'aatii fi waan Sambata kabajju'uutiin eennullee akka isinitti hin murteessine. Isaan kunniin waan dhufu'uuf ta'u sanniiniif gaaddisa waan ta'aniif; nafti ammo Kiristoos. Namni kasoo ta'ee gad uf qabu'uu fi Maleekkaa waaqeffatuu jaalata'aa; waan hin argine fedha malee keessa seena'aa, sammuu fooniitiin waan duwwa'aan uf jaja'aa eennullee isin irratti hin murteessin. Namni akkanaa kun gara Kiristoosii mataa ta'eetitti hin dhiyaatu; isaan nafti maruu ribu'uu fi hiddaan nyaata fudhata'aa wolitti ijaarama'aa guddinna Rabbi isaa kennuun guddata. Akka seeraa fi barumsa namaatiin ajaja worra «Hin qabin, hin dhandhamin, hin tuqin, jedha'aa Adunya'aaf jiraataniititti maaf bitamtan? Kunniin maruu uduma hojjataman badu'uuf murteeffameera. Kun akka fedha keetii waaqeffatuun, kasoomu'uu fi foon cunqursu'uun waan ogummaa qabu fakkaata. Haa ta'uu ammo garaan hagaa olitti akka hin quufne dhoogguun womaa hin fayyadu. Eeganaa eega Kiristoosiin woliin kaatan, Kiristoosii mirga Rabbii taa'eeru isa ol jiru barbaadaa'a! Waan lafa irra jiran hin yaadinaa'a. Isin duutaniirtan, jireenni keessanillee Rabbiin Kiristoosiin keessatti dhokateera. Kiristoosiin jireenna keessan keessa jiru hennaa mudhatu, isinillee akkasuma isa woliin ulfinnaan mudhattan. Eeganaa dharraa foonii ta lafa tanaa ka isin keessa jiru ajjeesaa'a; isaanillee seebaruu, battummaa, wol hoossuu'u, waaqa tolfamaa waaqeffatu'uu fi hawwii hamaa fa'a. Miidhaa kunniin fiduun dheekkamsii Rabbii ijoollee hin ajajamne irratti hin dhufa. Isinillee akkasuma hennaa armaan duraa isa keessa jiraata'aa turtan, dur akka kanatti jiraattan. Amma ammo isin lola, aaruu, dhara, nama arrabsu'uu fi dubbii nama saalfachiisu kanniin maraa uf keessaa balleessaa'a. Soba hin dubbatinaa'a; namummaa moofaa keessan hujii isaa woliin waan mulqattaniirtaniif. Fakkeenna ka isa uumee akka fakkaatu, beekkumsa argachu'uun ka haarawoomfame, namummaa haarawaa uffattaniirtan. Achitti namni Giriikii, ka Yihuudi'ii, ka gadoomee fi ka hin gadoomne, worra gowwaa ta'ee fi worra beekaa, worra wolaba ta'ee fi garbicha jidduu garaagarummaan hin jiru. Haa ta'uu ammo Kiristoos maraa fi maraa keessa jira. Eeganaa akka filatamtoota Rabbii woyyootaa fi worra jaalataman taatanii araara, gara laafummaa, arjummaa, lash jechuu, fayyaalumma'aa fi obsa uffadhaa'a. Obsa woliif qabaadhaa'a. Eennullee hiriyyaa ufii irratti komii yoo qabaate dhiifamsa wolii godhaa'a. Akkuma Kiristoos isinii dhiise, isinillee akkasuma wolii dhiisaa'a. Kanniin maraa irratti jaalala waa maraa wolitti qabu uffadhaa'a. Kutaa qaama tokkoo taatanii wonti waamamtaniif nagaya kanaaf waan ta'eef nageenni Kiristoosii onnee keessan keessatti haa mooyu; worra galatoonfattan ta'aa'a. Dubbiin Rabbii guutumatti isin keessa haa jiraatu; ogummaa maraan wol barsiisaa'a, wol gorsaa'a, Ayyaanaan faaruu faarfachu'uun badhaadhummaa isaatiin onnee keessan keessatti Rabbiin faarfadhaa'a. Rabbii Aabbaa karaa Yesuus Kiristoosiitiin galatoonfata'aa dubbi'iin, yookaan huji'iin waan gootan maraa maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin godhaa'a. Haawwota manaa! akka Goofta'aaf ta'utti abbaa manaa keessanii ajajamaa'a. Abboota manaa! haadha manaa teessan jaaladhaa'a; garaa isaanitti hin jabaatinaa'a. Ijoolle! Kun waan Gooftaa gammachiisu waan ta'eef, waa maraanuu worra keessanii ajajamaa'a. Abboota! Isinillee akka onneen isaanii abdii hin kutanne ijoollee teessan hin rifachiisinaa'a. Garboota! Onnee qajeeltu'uun Gooftaa sodaata'aati malee nama gammachiiftanii mudhatu'uuf worra ajajamtan uduu hin ta'in, fooniin worra gooftota keessan ta'anii waa maraanuu ajajama'aafii. Namaaf uduu hin taane, akkuma Goofta'aa gootanitti, waan gootan maraa jabaadha'aa godhaa'a. Gooftaa biraa gatii risti'ii akka argattan waan beettaniif, Gooftaan isin tajaajiltan Kiristoosiin waan ta'eef. Ka yakke waan yakka ufiitiif adabbii argata; nama wol caalchisuun Rabbiin bira waan hin jirreef. Isinillee gooftota! Samii irraa Gooftaa akka qabdan waan beettaniif garboota keessanii qajeellumma'aa fi fayyaalumma'aan isaan gargaaraa'a. Galata woliin faate'een dammaqa'aa jabaadha'aa Rabbiin kadhadhaa'a. Hennaa sanillee waan dhossaa Kiristoos ka ani hidhameef akka himnu, Rabbi ergaa ufiitiif balbala akka nuu banu waan keennaafillee nuu kadhadhaa'a. Akka dubbachuun na irraa eeggamutti akka ibsee dubbachuu danda'u Rabbiin naa kadhadhaa'a. Bara keessan keessatti carraa qabdan maratti fayyadamu'uun worra hin amanne biratti ogumma'aan jiraadhaa'a. Nama maraafuu attamitti akka deebii deebisuu beettan, dubbiin keessan hennaa maraa badhaadhaan ka guuttame, gurra namaatitti ka toluu fi akka sooqiddaa mi'aayaa haa ta'u. Obboleessi jaalatamaanii fi tajaajilaan amanamaan na woliin Goofta'aaf garbicha ta'e Tikiqoos jiruu kiyya maraa isinitti beessisa. Worra gadooman keessaa ka na woliin hidhame, Arisixirookos ilmi obboleessa Barnaabaasii Maarqoos ka Iyyoosxoos jedhamuu fi Iyyaasuun nagaya isiniin jedhaniiran. Ajaja, «Maarqoos yoo gara keessan dhufe simadha'aanii» jedhu fudhattaniirtu. Worri jeennata Rabbii keessatti na woliin hojjatan kanniin calla'a; isaanillee na jajjabeessaniiran. Garbichi Kiristoosii Ephafiraan keessan nagaya isiniin jedheera. Fedha Rabbii maraa hubattanii, guutuu taatanii, akka dhaabattan, hennaa maraa waan keessaniif jabaatee Rabbiin kadhata. Waan keessanii fi waan worra Lodoqiyaa qachaa Iyyaaraa jiraniif guddisee akka hinaafu isinii raga. Jaalatamaan ogeessi fayya'aa Luqaasii fi Deemaasillee nagaya isinii dhaamaniiran. Obboleeyyan Lodoqiyaa keessa jiran Nimfuunii fi woldaa Kiristaanaa ta mana isaa jirtutti nagaya naa himaa'a Dhaamsi tunillee isin biratti haga dubbifamteen maayessa tokkummaa namoota Lodoqiya'aatittillee akkasuma akka dubbifamu godhaa'a. Dhaamsa Lodoqiyaa irraa ergame isinillee akkasuma dubbisaa'a. Akiriphaanillee, «Tajaajila Gooftaa irraa fuute, akka raawwattu jabaadhu» jedha'aa itti naa himaa'a. Nageenni ani Phaawuloos harka kiyyaan barreesse kana. Hidhamuu kiyya yaadaa'a! Badhaani isin woliin haa ta'u. Phaawuloos, Silwaanosii fi Ximootewoosiin biraa; Woldaa Kiristaanaa, ta Rabbi Abba'aatii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii taate, worra Tasolonqee keessa jiraataniif, Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraa badhaaninii fi nageenni isinii haa ta'u. Obboleeyyan tiyya, akka Rabbiin jaalatamtanii fi filatamtan waan beenneef. Dubbiin Nagayaa ka isinii lallabne hunnaa fi Ayyaana Woyyu'uun hubannaa hedduun malee, dubbii calla'aan gara keessan waan hin dhufneef isin biratti waan keessaniif attamitti akka jiraanne hin beettan. Isinillee akkasuma dubbii Rabbii rakkoo hedduun gammachuu Ayyaana Woyyu'uu woliin fudhattanii worra nu'uu fi Gooftaa fakkaatu taataniirtan. Kanaafuu amantoota Maqedooniya'aa fi Akaayiyyaa jiran maraafuu fakkeenna isaanii taataniirtan. Dubbiin Rabbii isin biraa bayee Maqedooniya'aa fi Akaayiyyaa calla'atti waan hin dhagayamneef, haga womaa dubbachuu hin barbaachifnetti, amantiin isin Rabbiin irratti qabdan hulee marattuu odeeffameera. Isaanuu gara keessan dhufnee attamitti akka jiraanne, waan keenna waan dubbataniif, Waaqa jiraata'aa fi ka dhuga'aa akka tajaajiltan, Ilma ufii ka du'a keessaa kaase, Yesuusii lola dhufu jalaa nu hambisu, samii irraa akka eeddan waaqolee tolfamaa irraa gara Rabbiititti attamitti akka deebitan isaanuu hin ragan. Obboleeyyan tiyya! Gara keessan dhufuun keenna akka duwwaa hin taane isinuu hin beettan. Haa ta'uu ammo akkuma beettan Filiphisiyuusitti dura rakkinna nu irra gayeen xaarii dadhabbii hedduun Dubbii Nagayaa isinitti himuu Waaqa keennaan uggine. Kadhaan keenna dogoggoraan, yookaan battumma'aan, yookaan hammeennaan waan hin turreef. Haa ta'uu ammo akka Rabbi qoree nu laalee amanamtoota ta'uu keenna argee, Dubbii Nagayaa yaboo nutti kennetti dubbanna. Kanallee yoo goonu, Rabbii keessa keenna qoru san gammachiisu'uuf malee nama gammachiisu'uufii miti. Akkuma isin beettan, akkuma Rabbillee nuu ragu dubbii sossobu'uutiin hin dubbanne. Kajeellaa dhoffachu'uuf jennee hin fakkeessine, hin hojjannelle'e. Ergamaa Kiristoosii taanee isinitti ulffaachuu uduu dandeennu, isin irraa ta'ee'e yookaan kaawwan irraa, yookaan nama irraa ulfinna hin barbaanne. Haa ta'uu ammo akkuma guddiftuun ijoollee ufii kunuunsitu, isin jiddu'utti garalaafeyyii taane. Akkasuma isin jaalata'aa Dubbii Nagayaa ka Rabbii qooduu callaa uduu hin taane, lubbuu teennallee akkasuma isinii keennuun fedhaa fi jaalala keenna; waan jaalatamtoota keenna taataniif. Obboleeyyan tiyya! Dadhabbii keennaa fi xaarii keenna waan qaabattaniif, isin keessaa nama tokkottillee akka hin ulfaanne, halkanii guyyaa hojjata'aa, Dubbii Nagayaa ka Rabbii isinitti lallabne. Isin worra amantan jiddu'utti woyyummaa attamiitii fi qajeellummaa mudaa hin qabneen akka deemne, isinii fi Rabbillee raga'a. Kanaafuu dubbii maleekkotaa, innillee dubbii Rabbii hennaa nu irraa fudhattan, dhugaa isin keessa jiru isin worra amantan birattillee akkasuma akka hojjatu akka dubbii Rabbiititti malee akka dubbii namaa gootanii waan hin fudhanneef, nullee hennaa maraa uduu addaan hin kunne Rabbiin galatoonfanna. Isin obboleeyyan tiyya, worra Yihuudaa jiraatan ka Yesuus Kiristoositti amananii worra woldaa Rabbii fakkaatan taataniirtan; akkuma worra Yihuudotaa irraa rakkinni isaan irra gaye, isinillee akkasuma rakkinni akkasii sun namoota biyya keessanii irraa isin irra gayeera. Sunniinillee akkasuma Gooftaa Yesuusiin ajjeesanii raattotaa fi nullee hin ari'an, Rabbiinillee hin gammachiisan, namoota maraa hin morman. Hennaa maraa cubbuu hojjatu'uun worri Yihuudiin hin taane akka fayyan akka isaanitti hin himne nu dhooggan. Haa ta'uu ammo dheekkamsi Rabbii hagaa ol isaan irra gayeera. Nu ammo obboleeyyan tiyya! gara'aan uduu isin bira jirru, hennaa diqqo'oof ijaan wol arguu dhabnee gargar yoo baanellee guddifnee waan isin yaanneef ijaan isin argu'uuf yaanneerra. Gara keessan dhufuu barbaannee turre; keessattuu ani Phaawuloos hennaa tokkoo fi lama dhufuu yaalee seexanni ammo nu tursiise. Abdiin keenna, gammachuun keennaa fi Kallachi ulfinna keennaa eennu? gaafa Gooftaan keenna Yesuus dhufu, isa afoo dhaabannee worri ittiin boonnu isin malee eennu? Isin ulfinna keenna; gammachuu keennalle'e. Kanaafuu obsuu dadhabnaan, ganda Ateena'aatitti hojjuma keenna hafu'uuf murteeffanne. Waan amantii keessaniitiif akka isin jajjabeessuu fi akka isin gorsu, obboleessa keenna tajaajilaa Rabbii ka nu woliin Dubbii Nagayaa Kiristoosii hojjatu Ximootewoosiin gara keessan ergineerra. Sababaa rakkinna kanaatiin eennullee akka hin raaffamne, waan kanaaf akka filamne isinuu waan beettaniif. Hennaa isin woliin jirru, rakkinni akka nu irra gayu duraanuu isinitti himneerra. Akkasuma akkuma isin beettan wonti sun dhugamaan ta'eera. Waan kanaaf anillee akkasuma hennaa obsuu dadhabe maal laataa seexanni nama ataabu isin ataabeera. Dadhabbiin keennallee duwwaa ta'eera jedhee waan sodaadheef, amantii keessan beeku'uuf isa ergeera. Amma ammo Ximootewoos isin biraa gara keenna dhufee waan amantii keessaniitii fi waan jaalala keessanii oduu nama gammachiisu hennaa nutti hime, nullee isin argu'uuf akkuma yaannu, akka nu argitan yaada'aa hennaa maraa isin waan keennaaf mishaa akka yaaddan nutti hime. Kanaafuu obboleeyyan tiyya! karaa amantii keessaniitiin rakkinnaa fi miidhamuu keenna maraa sababaa amantii keessaniitiin jajjabaanneerra. Yoo isin Goofta'aan jabaattanii dhaabattan, dhugamaan amma nullee jiru'uun jiraanna. Waandhi Waaqeffamaan Abbaan keennaa fi Gooftaan keenna Yesuus Kiristoosillee gara keessan karaa nuu haa qajeelchu. Eeganaa waan hafeen obboleeyyan tiyya! attamitti akka jiraattanii fi Rabbiinillee attamitti akka gammachiisuu dandeettan nu irraa akka barattan, isinillee akkasumatti akka jiraattan ka duraa caalaa akka baay'attan maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhanna; isin gorsina. Maqaa Gooftaa Yesuusiitiin ajaja kamiin akka isinii kennine waan beettaniif; fedhiin Rabbii akka woyyoomtaniif. Seebaruu irraa akka fagaattan, akka worra Yihuudii hin taane ka Rabbiin hin beenne sanniinii fedhaa fi dharraa foonii hamaa hin qabaatinaa'a. Isin keessaa namni maruu nafa ufii woyyumma'aa fi ulfinnaan haa eeggatuu. Ammallee akkuma duraan isiniin jennee fi akkuma isinii ranne, Gooftaan waan kana maraa waan haluu bayuuf eennullee waan kanaan akka hin yakkine obboleessa ufiillee akka hin sobne. Rabbi battumma'aaf uduu hin taane, woyyumma'aaf nu waameera. Eeganaa namni gorsa kana jibbu, nama jibbuu isaatii miti; Rabbii Ayyaana Woyyuu akka isin keessa jiraatuuf kenne san jibbe malee. Waan wol jaalachuu obboleeyyanii isinii barreessuun hin barbaachisu. Wol jaalachuun akka isin barbaachisu isinuu Rabbiin irraa waan barattaniirtaniif. Haa ta'uu ammo obboleeyyan tiyya! Akka worra abdii hin qabnee akka worra kaawwanii akkasuma akka hin gaddine; waan worra du'anii akka beettan jaalanna. Yesuus akka du'ee fi akka du'aa ka'e yoo amanne, akkasuma worra Yesuusitti amananii du'an, Rabbi gara ufii waan isaan fiduuf. Wonti dubbii Goofta'aatiin isiniin jennu kana waan ta'eef nu jiraattota taane, haga Gooftaan deebi'ee dhufuuf nu worri jirru worra du'anillee hin firrifnu. Gooftaan inninuu ajajaan laagaa bulchaa Maleekka'aatiin, laagaa xurumbaa Rabbiitiinillee sami'ii waan bu'uuf worri Kiristoosiin amananii du'an firrisanii ka'an. Achiin maayii nu worri jiraata'aarru, Gooftaa qilleensa irratti reebbachu'uuf isaan woliin duumessaan ol fudhatamna. Achiin maayii hennaa maraa Gooftaa woliin jiraanna. Kanaafuu isin dubbii kanaan wol jajjabeessaa'a. Obboleeyyan tiyya! Waan baraatii fi waan ji'ootaa womaa isinii barreessuu hin barbaachisu. Guyyaan Goofta'aa akka hattuun halkaniin dhuftu akkasuma akka dhufu isinuu sirri'itti beettaniirtan. Namoonnii uduu Nagayaa fi fayyinna jedhan hennaa san akkuma dubartiin ulfaa ciniinsifattu, badiin tasuma isaanitti dhufti. Sirima jalaa hin bayan. Isin ammo obboleeyyan tiyya, guyyaan akka hattu'uu akka isin irra hin geenne, isin dukkana keessa hin jirtan. Isin maruu ilmaan guyya'aatii fi ilmaan ifaati; nu worra halkanii, yookaan worra dukkanaatii miti. Eeganaa haa dammandhuu; hagatti haa jiraannuu malee akka kaawwanii hin rafnu. Worri rafu halkaniin rafa; worri machaayullee halkaniin machaaya. Nu ammo worra ifaa waan taaneef, amanti'ii fi jaalala akka gulloo sibiilaatitti uffannee hagatti haa jiraannuu. Rabbi dheekkamsaaf nu hin fille; fayyinna Gooftaa Yesuus Kiristoosii haa argannu'uuf malee. Yoo jiraannellee, yookaan yoo duunellee isa woliin lubbu'uun akka jiraannu nuuf jedhee du'e. Kanaaf isinillee akkasuma akkuma amma gootan woliin mari'adhaa'a; kuun kaan haa jajjabeessuu. Obboleeyyan tiyya! Isin gorsinaa, worra seera malee deeman gorsaa'a, worra hin uggine jajjabeessaa'a, dadhabdootallee gargaaraa'a, namoota maraayyuu obsaa'a. Eennullee eennuun irratti waan hamaa akka hin deebifne uf eegaa'a. Haa ta'uu ammo hennaa maraa martii keessanuu waan mishaa wolii godhu'uuf jabaadhaa'a. Hennaa maraa gammadaa'a; Uduu addaan hin kunne Rabbiin kadhadhaa'a; waan maraafuu Rabbiin galatoonfadhaa'a. Wonti Rabbi karaa Kiristoos Yesuusiitiin isin irraa barbaadu kana. Ayyaana Woyyuu hin ukkaamsinaa'a. Waan hamaa kamiin irraallee fagaadhaa'a. Waandhi nagayaa qaama keessan hundaa haa woyyoomsu; ayyaanni keessan lubbuunii fi foon keessanillee hennaa Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos dhufu mudaa malee haa eeggamanii. Ka isin waame amanama'a; inni akkasuma kana hin taasisa. Obboleeyyan tiyya! Nuufillee Rabbiin kadhadhaa'a. Dhungoo woyyu'uun obboleeyyan maraa nagaya gaafadhaa'a. Ergaan kun obboleeyyan woyyoota maraafuu akka dubbifamu Goofta'aan isin woga. Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin haa ta'u! Amiin! Phaawuloos, Silwaanosii fi Ximootewoosiin biraa woldaa Kiristaanaa ta Rabbii Abbaa keennaatii fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ta Tasolonqee keessa jirtuuf. Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaaninii fi nageenni isinii haa ta'u. Obboleeyyan tiyya! Hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galatoonfachuu nu barbaachisa; amantiin keessan guddisee guddata'aa, jaalalti isin wolii qabdanillee ittuma eda'a'aa waan deema'aaruuf, galatoonfachuun keenna sirri'i. Kanaafuu ari'amu'uu fi rakkoo isin irra gaye maraa keessatti waan obsitanii fi amanti'iinillee waan jabaattaniif, tokkummaa Woldaa Kiristaanaa keessatti nu isiniin boonna. Waan isaatiifillee worra rakkinni isin irra gayuuf, jeennata Rabbiitiif worra gayaa taatanii akka laakkayamtaniif kun malkata murtii qajeelaa Rabbiiti. Worra Rabbiin hin beennee fi worra Dubbii Nagayaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiifillee hin ajajamne haluu isaan baya. Obboleeyyan tiyya! Waan dhufa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiif waan isa biratti wol gayuu keennaa; Ayyaanaan yookaan dubbii nu biraa isinii ergameen, «guyyaan Goofta'aa gayeera» jettanii ariifattanii yaada keessaniin hin raafaminaa'a, hin nayinalle'e, jennee isin kadhanna. Eennullee karaa kamiin isin hin dogoggorsin, uduu ganuun firrisee hin dhufne namni mitaa, innillee ilmi badi'ii uduu hin mudhanne guyyaan sun hin dhufu. «Ani Rabbi jedha'aa» labsi'iin hima'aa, haga mana woyyuu Rabbii keessatti worra Waaqa jedhaman maraa caalaa, ka namoonni waaqeffatan maraa ol ka uf qabuu fi morma'a. Ani hennaa isin woliin jiru, akka kana isiniin jedhe hin qaabattanii? Hennaa ufiititti akka mudhatuuf amma waan isa dhooggu isinuu hin beettan. Dhossaan hunna hameennaa ammumaa hujii irra jira; ta'ullee haga karaa irraa ka'utti amma waan isa dhooggutu jira. Hennaa san ka Gooftaan Yesuus Kiristoos hafuura afaan ufiitiin balleessuu, hennaa deebi'ee dhufu mudhachuu ufiitiin ka balleessu ilmi badi'ii hin mudhata. Nu ammo worra Goofta'aan jaalatamtan! hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galatoonfachuu nu barbaachisa. Rabbi Ayyaanaan woyyoomuu dhugaallee amanu'uun fayyinnaaf akka hangafaatitti waan isin filateeruuf. Waan kanaan ulfinna Gooftaa Yesuus Kiristoosii akka argattaniif, Dubbii Nagayaa ka nu isinitti lallabneen isin waame. Eeganaa obboleeyyan tiyya! jabaadha'aa dhaabadhaa'a; dubbii keennaanillee yoo ta'e yookaan erga'aaf barreeffamaan waan isin barsiifne jabaadha'aa eegaa'a. Haa ta'uu ammo Gooftaan isin dhaabu, ka hamaa irraa isin eegu amanama'a. Waan isin ajanyu amma akka gootan, duranallee akkasuma akka gootan, waan keessaniif Gooftaa hedanneerra. Gooftaan garaa keenna gara jaalala Rabbii, gara obsa Kiristoosii haa qajeelchu. Obboleeyyan tiyya! Worra huji'iif seera malee deemanii fi worra akka aaloo nu isinii dabarsineetiin hin jiraanne maraa irraa akka fooyamtan maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin ajanya. Attamitti akka nu fakkaachuun isin barbaachisu isinuu waan beettaniif, nu isin biratti haala malee hin jiraanne. Isin biratti waan tokkoonillee akka isinitti hin ulfaanne, halkanii fi guyyaa dadhabbi'ii fi xaari'iin hojjata'aa jiraata'aa turre malee, eennuun irraallee buddeena akkanumaan hin nyaanne. Kunillee akka isin nu fakkaattaniif uf akka fakkeennaatitti isinii kennu'uuf turre malee nu waan baallii hin qabneefii miti. Akkasuma hennaa isin woliin jirru, «Ka hujuu hin jaalanne hin nyaatin» jennee isin seerree waan turreef. Sirima uduu hujii hin hojjanne waan namaa keessa gaala'aa worra seera malee isin keessa deemanii fi waan namoota gari gari'ii dhageenneerra. Worri akkanaa kunniin cadhisanii hojjata'aa buddeenuma isaanii akka nyaatan, maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isaan seerra, isaan gorsinalle'e. Obboleeyyan tiyya! Isin ammo hujii mishaa hojjachuu hin dadhabinaa'a. Dubbii keenna ka dhaamsa kanaan ergameef ka hin ajajamne eennullee yoo jiraate kana laala'aa akka saalfatu isa woliin wol hin ta'inaa'a. Haa ta'uu ammo akka obboleessaatitti isa gorsaa malee, akka diinaatitti isa hin laalinaa'a. Rabbiin nagayaa, hennaa maraa karaa maraan, inninuu nagaya isinii haa kennu. Gooftaan isin maraa woliin haa ta'u. Dhaamsi kun ka ani Phaawuloos harkuma kiyyaan barreesse. Ragaa dhaamsa ergaawwan kiyyaa maraa akkanatti barreesseera. Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin maraa woliin haa ta'u. Akkuma fayyisaan keenna Rabbii fi abdiin keenna Yesuus Kiristoos ajajetti ka ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e Phaawuloosiin irraa ajaja; Ilma kiyya jaalatamaa Ximootewoosiif badhaani, araarrinii fi nageenni Rabbii Abbaa irraa fi Gooftaa keenna Yesuusiin irraa sii haa ta'u. Hennaa gara Maqedooniya'aa deeme gari gariin barumsa addaa akka hin barsiifneef gara mammaaka dhuma hin qabnee, seenaa dhalootaa akka hin caqafne, akka isaan ajaju Efesooniin keessa akka teettu sii kadhadhe. Wontoonni akkanaa kunniin wol mormii waan fidaniif. Kunniin hujii Rabbii ka dhuga'aan hojjannuuf womaa hin fayyadu. Raawwiin ajajaa ammo jaalala garaa qulqulluu keessaa, sammuu misha'aa fi amantii uf tuuluu hin qabne keessaa ka ol bayu. Kanniin keessaallee gari gariin dogoggoranii waan jedhan, yookaan sirri'itti uduu hin hubatin, barsiisoota seeraa ta'u'uuf barbaada'aa gara dubbii duwwa'aa siiqaniiran. Haa ta'uu ammo namni akka ta'utti uduu ittiin hojjatee, seerri mishaa akka ta'e hin beenna. Tajaajila ufiitiif na muudee amanamaa godhee waan na laakkayeef, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii hunna naa kenne hin galatoonfadha. Ani duraan ka nama ari'u, ka abaaruu fi rakkisaa yoo ta'ellee inni kana naa godhe. Haa ta'uu ammo uduu hin beekin waan uduu hin beenne godheef araara argadhe. Badhaani worra Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin keessa jiraniin amanti'ii fi jaalalli guddisee isaanii guddate. Dubbiin, «Yesuus Kiristoos cubbamtoota fayyisu'uuf gara biyya lafaa dhufe» jedhu amanama'aa fi ka martinuu fudhatuu barbaachisu. Cubbamtoota keessaa ijoon ana. Waan kanaaf ammo jireenna bara baraa argachu'uuf worra isatti amanuuf jireennaaf fakkeenna akka ta'u Yesuus Kiristoos ana ijoo ta'e irratti obsa ufii mara mudhisu'uuf ani araara argadhe. Ka ufumatti Waaqa ta'e, ka hin bannee fi hin mudhanne, mootii bara baraatiif galanninii fi ulfinni baraa haga baraa haa ta'u! Amiin. Mucaa kiyya Ximootewoos! Duraan dursee waan kee akkuma raagaan himame Kiristoosiin keessaan lola mishaa akka loltuuf ajaja kana yaboo sitti kenna. Amanti'ii fi sammuu mishaa qabaadhu. Namoonni gari gariin qalbii ufii gatanii akka markabni ka oofu malee baduu, waan amanti'iitiin waan badaniiraniif. Isaan keessaallee akka Rabbiin hin arrabsine akka baratan, seexanatti dabarsee ka isaan kenne, Hemenewoosii fi Iskindiroos fa'a. Rabbi tokkicha; ka jidduu ta'ee Rabbii fi nama wolitti araarsullee tokkicha; Innillee Yesuus Kiristoosii nama ta'e. Ka namoota maraa cubbuu jalaa baasu'uuf dabarsee uf kenne. Anillee waan kanaaf amanti'ii fi dhugaa lallabu'uuf, worra Yihuudii hin taane barsiisu'uuf akka muudame dhugaa dubbadha malee hin sobu. Eeganaa dhiirti hulee marattuu dheekkamsaa fi yaada hamaa malee, harka isaanii ka woyyoome ol kaasa'aa akka Rabbiin kadhatan barbaada. Akkasuma ammo intalti uffata ta'u uffachu'uun lash jedhanii qaama ufii haa qandhafanii. Dubartoonni Rabbiin waaqeffanna jedhan akka ta'utti waan mishaa godhuu malee, shurubbaa dhayachu'uuf, worqi'iin yookaan faaya kabajjama'aa fi uffata gatii gudda'aatiin hin qandhafin. Dubartiin ammo waa maraanuu ajajama'aa suutaan haa barattuu. Dubartiin lash jettee haa jiraattuu malee barsiisuu, yookaan dhiira irratti baallii akka qabaattu ani isaanitti hin dhiisu. Sababnillee dura Aadamtu uumame; maayessa ammo Heewwantu uumame. Ka sobame Aadamii miti, dubartittiin ammo sobamtee Rabbiin yakku'uun kufte. Haa ta'uu ammo jaalalaa fi amanti'iin, woyyumma'aan mataa ufii gad qabatanii yoo jiraatan, dayaan hin fayyan. «Ennullee yoo tooyata'aa fi bulchaa ta'uu barbaade hujii mishaa hawwa» jechi jedhu amanama'a. Eegasuu tooyataan ka mudaa hin qabne, nama haadha manaa tokkottii qabu, ka uf qabuu fi ka hagatti jiraatu, ka akka barbaadamutti hojjatu, ka keessummaa simatu, ka barsiisuu danda'u, ka hin machoofne, ka nama hin ujulle, gara laafessa, nama hin mormine, ka birrii hin jaalanne, nama maatii ufii sirri'itti bulfatu, nama ijoollee ulfinnaan isaa ajajamtu qabu ta'uu barbaachisa. Namni mana ufii attamitti akka horatu hin beenne, attamiin Woldaa Kiristaanaa ta Rabbii eega? Uf jaju'uun bokokee, murtii daabiloosiin irratti murteeffametti akka hin kufne, kiristaana haarawa hin ta'in. Mudaa daabiloosiitii fi siiboo isa irratti akka hin kufne, namoota ala jiran biratti ragaa mishaa haa qabaatanii. Akkasuma gargaartonni woldaa kiristaanaa [diyaaqonoonni] worra bilchaate, ka arraba lama hin dubbanne, worra dhuddoo hin hawwine, Worra waan shingaa ta'e irraa fagaatanii sammuu mishaan dhossaa amanta'aa eegan haa ta'anii. Kunniinillee akkasuma duraa haa qoratamanii; achiin maayessa worra mudaa hin qabne yoo ta'an, gargaartoota ta'anii haa tajaajilanii. Akkasuma dubartoonnii worra bilchaatan, worra nama hin hamanne, worra hagatti jiraatanii fi waan maraanuu worra amanaman haa ta'anii. Gargaartoonni worra ijoollee ufiitii fi maatii ufii akka misha'aan bulchan, marti isaaniituu worra haadha manaa takkattii qaban haa ta'anii. Hujii gargaaru'uutiin worra akka misha'aan tajaajilan ufiif baallii gudda'aa fi amantii Yesuus Kiristoosiitiin ugga guddaa argatan. Daddafee gara kee akka dhufu abdata'aa kana sii barreessa. Yoo ture ammo worra mana Rabbii keessatti namni amala attamiitiin akka jiraatu akka sirri'itti beettu sii barreessa; mannillee bu'uura utubaa dhuga'aa ta woldaa Kiristaanaa Rabbii jiraata'aati. Dhossaan Rabbiin fakkaachu'uu mamii malee gudda'a; «Ka fooniin mudhate, ka Ayyaanaan qajeelaa ta'e, ka Ergamtootatti mudhate, ka banii Yihuudii hin taanee lallabame, ka biyya lafaa keessatti amaname, ka ulfinnaan ol baye.» Baroota dhumaa keessatti gari gariin amantii gananii akka hafuurran sobaatii fi barumsa jinni'ii duukaa deeman Ayyaanni Woyyuun addaata'atti dubbata; Barumsi akkanaa kun worra sammuun isaanii akka sibiila ibiddaan diimatee gubameetitti hadoode, worra uf tuultotaatii fi sobdoota irraa dhufa. Worri sobu kun akka namni wol hin fuune dhooggan; worri amananii dhugaa beekan galata woliin akka fudhatanii hin nyaanne, nyaata Rabbi isaanii uume irraa akka fagaatan godhan. Wonti Rabbi uume martinuu mishaa waan ta'eef galata woliin yoo fudhatan wonti gatamu hin jiru. Dubbii Rabbiitii fi faate'een ka woyyoome waan ta'eef. Kanaafuu obboleeyyan uduu yaadachiiftee amanti'ii fi dubbii barumsa mishaa hordofteen yoo dubbii barsiifte, tajaajilaa mishaa Yesuus Kiristoosii taata. Haa ta'uu ammo tapha xuraayaa adunyaa tanaatii fi oduu dubartoota jaartee irraa fagaadhu; bikka san jireenna Rabbitti tolu jiraachu'uuf tattaaffadhu. Nafa jabeessu'uuf uf leenjisuun bu'aa diqqoo qaba. Jiruu Rabbi fedhu jiraatu'uuf uf leenjisuun ammo jiruu ammaatii fi ta dhuftuttillee abdii waan qabduuf gara maraanuu bu'aa qaba. Dubbiin kun amanama'a; namni martuu fudhatuu barbaachisa. Nu'u Waaqa jiraataa fayyisaa nama maraa ta'e; keessumattuu ka worra amananiititti waan abdannuuf, hin dadhabna, hin arabamnalle'e. Haga ani dhufuuf dubbisuu, gorsu'uu fi barsiisuu irratti jabaadhu. Kennaa hennaa manguddoonni harka si irra kaayanii sii kadhatan sii kenname, raaga sii dubbatamee fi kennaa badhaadhaa ka si keessa jirutti lash hin jedhin. Guddinni kee waan maraanuu akka mudhatu yaadi; waan kanniinitti hennaa maraa jabaadhu. Waan keetii fi barumsa kee midhaassii qabi; kanniin irrattillee jabaadhu kana yoo goote ufii fi worra si dhagayanillee hin oolchita. Jaarsa hin rifachiisin, isa akka abba'aatitti; ka'imman ammo akka obboleeyyaniititti. Dubartoota jaaran akka haadhaatitti, shamarran akka obboleetti'iititti yaada qulqullaaya'aan isaan laali. Dubartoota abbaa manaa hin qabne kabajji. Ta abbaa manaa hin qabne ammo akkayoota yookaan ijoollee ijoollee ufii yoo qabaatte, isaan maatii ufii biratti Rabbiin kabajjuun akka isaanii beekkamuuf, jasaa maatii ufii deebisuu haa baratanii; kun Rabbiin biratti misha'aa fi ka jaalatame waan ta'eef. Ta Abbaa manaa hin qabne ta hojja ufii jiraattu halkanii fi guyyaa Rabbiin kadhata'aa abdi'iin jiraatti. Ta abbaa manaa hin qabne ta waan adunyaa tanaa callaa jaalattu ammo, isiin uduu lubbu'uun jirtuu ta duute. Isaanillee mudaa malee akka jiraataniif ajaji. Worra fira isaanii ta'aniif keessumattuu maatii ufiitii ka hin yaanne eennullee yoo jiraate, inni ka amantii ufii gane, nama hin amanne caalaa hama'a. Ta abbaa manaa hin qabne galmee irratti yoo bareeffamtu, umuriin isi'ii woggaa jaahatamaa gadi akka hin taanee fi dubartii abbaa manaa tokko qabdu ta'uu barbaachisa. Ijoollee guddisu'uun, keessummaa simachu'uun, luka woyyootaa dhiqu'uun, rakkattoota gargaaru'uun, hujii mishaa maraa hordofa'aa hujii mishaa akkanaa godhu'uun ta ragameef ta'uu barbaachisa. Ta abbaa manaa hin qabne qacalee kaawwanitti hin makin. Fedhii foon ufiitiin mooyatamanii, jaalalli Kiristoosii qaban hennaa jalaa dhidhate heerumuu waan barbaadaniif, amantii ufii ka duraa san waan tuffataniif, isaanitti murteeffama. Hujii hin hujan; mana tokkoo gara mana tokkoo deema'aa waan hin taane dubbata'aa odeessitootaa fi worra hujii hiikan callaa uduu hin ta'in, worra waan namaa keessa galan ta'an malee, worra hujii hiiku calla'aallee miti. Eegasuu durboonni qacaleen akka heeruman, ijoollee akka dayanii fi mana ufiillee akka bulchan, worri nu mormu maqaa akka nu hin balleessine isaan kana gorsa. Kanaan dura isaan keessaa gari gariin seexana hordofu'uun amantii waan gad dhiisaniif. Dubartiin amante takkaa fi dhiirri amane tokko dubartii abbaa manaa hin qabne maatii ufii keessaa yoo qaabatan woldaa Kiristaanaatitti ba'aa akka hin taane isaan haa gargaaraniinii. Manguddoonni woldaa seeraan bulchan, keessattuu lallabaa fi barsiisu'uun, worra dadhabanii ulfinna gudda'atu isaan barbaachisa. Kitaabni Woyyuun, «qotiyyoo qotu afaan hin hidhin» akkasuma ammo «hojjata'aafillee mindaan hin barbaachisa» waan jedhuuf. Namni lamaa yookaan sadihi yoo itti rageesse malee himannaa manguddoo irratti dhiyaate hin fudhatin. Worri biraallee akka sodaatan, worra cubbuu hujan nama maraa afo'otti gorfadhu. Tokkochallee uduu wol hin caalchifne, gara tokkoo uduu hin dabne akka eeddu Rabbii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Maleekkota filataman afo'otti si gorsa. Eennuun irrallee daddaftee harka kee hin kaayin; cubbuu nama biraatitti hin makamin; qulqullinnaan uf eegi. Waan garaa keetiitiif waan dhibee sitti baay'atuutiif daadhii woyini'ii diqqoo dhugi malee ammaa achi bisaan callaa hin dhugin. Cubbuun namoota gari gari'ii addaata'a; murtii waan mudhisuuf; kaawwan ammo faanaa deema. Akkasuma hujiin mishaan addaata'a; yoo ifa hin taanellee ammo dhokachuu hin danda'u. Maqaan Rabbiitii fi barumsi isaa akka hin arabfamne, worri ba'aa garbumma'aa jala jiran maruu worra isaan bulchaniif akka ulfinni isaan barbaachisu haa laalanii. Garboonni bulchoota amanan qaban obboleeyyan isaanii waan ta'aniif isaan hin tuffatin. Hujii mishaa isaaniitiin waan fayyadamaniif worra amananiif jaalatamtoota waan ta'aniif, ka duraa caalaa haa tajaajilanii; kanniin barsiisii gorsi. Eennullee barumsa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ta'een ala, ka barumsa addaa barsiisuuf dubbii nagayaa, barumsa Rabbiin sodaachu'uu kana ka hin fudhanne yoo jiraate, inni nama womaa hin beenne ka uf jaju'uun bokoke; Rabbiin qoruun, dubbi'iin wol woraanuu lola hamaa uf keessaa qaba. Kanniin keessaa hinaaffaa, mormuu, nama arrabsuu, yaada bada'aa fi aaruu fa'a. Worra qalbii hin qabne, worra dhugaan irraa fudhatamte, worra Rabbiin sodaachuun isaan keessa hin jirretu isaan keessatti argama. Namoota akkanaa kanniin irraa fagaadhu. Nama jiruun kiyya na gaya jedhuuf ammo Rabbiin fakkaachuun bu'aa gudda'a. Nu gara lafa tanaa womaa waan hin finneef womaa fudhachuu hin dandeennu. Haa ta'uu ammo yoo waan nyaannuu fi waan uffannu qabaanne nu gaya. Worri dureeyyii ta'uu barbaadan ammo gara qormaataatii fi gara siibo'oo, akkasuma gara namoota diigu'uutii fi gara waan nama liqimsuu fedha duwwa'aa fi hama'atti kufan. Birrii jaalachuun hidda badii maraa waan ta'eef, namni gariin uduu kana hawwan amantii ufii irraa dogoggoranii karaa hedduun uf miidhaniiran. Ati ammo namni Rabbii kana irraa dheessi; qajeellumma'aan, Rabbiin sodaachu'uun, amantii, jaalala, jajjabaachu'uu fi gara laafummaallee hordofi. Lola amanti'ii mishaa loli; jireenna bara baraa mishaa waamamteef ka raattota hedduu biratti amanamteef qabadhu. Rabbi waan maraa lubbu'uun jiraachisu'uuf, Yesuus Kiristoosii Philaaxoosii Pheenxenicha afo'otti amanamummaa mishaa rage afo'otti si ajaja. Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos haga mudhatuuf, xuri'ii fi mudaa tokko malee jiraachu'uun ajaja eegi. Mudhata ufii san hennaa ufiititti woyyu'uu fi ka hojja ufiititti bulchaa ta'e, mootii moototaatii fi Gooftaan gooftotaa hin mudhisa. Ka hin duune isa calla'a. Ifa ennullee itti dhiyaatuu hin dandeenne keessa jiraata. Namni tokkollee isa hin argine. Isa arguullee hin danda'u. Ulfinninii fi hunni bara baraan isaaf haa ta'uu Amiin! Bara adhaa worri dureeyyii ta'an, waan uf jaju'uu akka hin yaanne Rabbii jiraata'aan akka gammannu waa maraa caalchisee nuu keennuun malee, durummaa darbu akka abdii hin godhanne isaan gorsi. Jireenna dhuga'aa akka argatan bara dhufuufillee galmee bu'uura mishaa isaanii ta'u irratti wolitti qabata'aa, waan mishaa godha'aa hujii misha'aan dureeyyii akka ta'an, worra nama gargaaranii fi worra namaa qoodan ta'u'uuf akka qophaayan isaan gorsi. Ximootewoosii kiyya! «Beekkumsa» soba jedhamu, ka duwwa'aa odeessu'uu fi mormii duwwaa adunyaa tanaa tolu irraa fagaata'aa yaboo sitti kenname eegi. Namoonni gari gariin beekkumsa kana qabna jedha'aa amantii irraa dogoggoraniiran. Badhaani Rabbii si woliin haa ta'u. Ani Phaawuloos waadaa jireennaa ka Yesuus Kiristoosiin kenname akka himuuf fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e irraa: Ilma kiyya jaalatamaa Ximootewoosiif; Rabbii Aabbaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaadha, araaraa fi nagaya sii haa kennu. Halkanii fi guyyaa uduu addaan hin kutin kadha'aan waan si yaadadhuuf akka abbootii tiyyaatitti Rabbii sammuu qulqullu'uun waaqeffadhu hin galatoonfadha. Imimmaan kee yaada'aa gammachu'uun guuttamu'uu fi si arguu hawwa. Amantii uf jajuu hin qabne ta si keessa jirtu hin qaabadha. Amantiin kunillee dura akaakayyuu kee Loyidiin, haadha tee Ewunqee keessa ture. Akkasuma amantiin sun si keessallee akka jiru hubadheera. Sababaa kanaan akka nama ibidda qabsiisuutitti kennaa Rabbii ka harka kiyya si irra kaayu'uun argatte san akka kakkaaftu si qaabsisa. Rabbi Ayyaana hunnaatii fi ka jaalala, ka uf qabu'uu nuu kenne malee Ayyaana soda'aa nuu hin kennine. Eegasuu waan Goofta'aa ragu'uuf, yookaan anaa waan Goofta'aatiif hidhamettillee hin saalfatin, haa ta'uu ammo haga hunna Rabiitiin waan Dubbii Nagayaatiif na woliin rakkadhu. Ka nu fayyisee fi ka waamsa woyyu'uun nu waame Rabbiin waan ta'eef, kunillee akka yaada isaatiif haga badhaadha isaatiin malee, akka hujii keennaatiinii miti. Badhaani kun bara hedduun dura Yesuus Kiristoosiin irraan nuu kenname. Amma ammo dhufuu fayyisa'aa fi qorsa keenna karaa Yesuus Kiristoosiitiin mudhateera. Inni du'a waan mooyateeruuf, ani lallabaa Dubbii Nagayaa ergama'aa fi barsiisaa worra Yihuudota hin taanee akka ta'u, Dubbii Nagayaa itti muudame kanaan jireennaa fi bara baraan jiraachuu ifatti baaseera. Sababaa kanaan rakkinni na irra gayeera. Haa ta'uu ammo rakkinna na irra gaye kanaan hin saalfadhu; ka amane waan beekuuf, yaboo itti kenne haga gaafa guyyaa sanii akka eeguu danda'u hubadheera. Amanti'ii fi jaalala Yesuus Kiristoosiitiin dubbii na irraa dhageette, fakkeenna mishaa san jabeessii qabadhu. Yaboo mishaa san Ayyaana Woyyuu nu keessa jiru san eegi. Worri Isiyaa keessa jiran maruu, akka na irraa fagaatan hin beetta; isaan keessaa Filoqoosii fi Herwaageenesiin fa'a. Gooftaan maatii Henesfooru'uutiif haa araaramu; hennaa hedduu waan hara na baafachiisaniiraniif. Inni hidhamuu kiyyattillee hin saalfanne. Hennaa Roomaa ture san soqee, soqee na arge. Guyyaa dhumaa san Gooftaan isaa haa araaramu. Efesoonittillee attamitti akka na tajaajile atuu sirri'itti beetta. Eeganaa ilma kiyya! Ati badhaadha Yesuus Kiristoosiin argatteen jabaadhu. Ka namni hedduu ragaa bayeef, ka na irraa dhageette kanallee akkasuma worra barsiisuu danda'aniif namoota amanamaa ta'anitti yaboo kenni. Loltuu mishaa Yesuus Kiristoosii ta'iitii rakkinna na woliin qoodami. Namni duulu maruu ka lolaaf erge gammachiisu'uuf jedhee fuudhaa fi daldalaan uf hin hidhu. Akkasuma namni fiigichaan wol morku tokko, yoo akka seera morkii saniititti hin morkine injifatee badhaasa hin argatu. Qotee bulaan xaaru, worra daraaraa nyaatu keessaa ka duraa ta'uu barbaachisa dubbii jedhu laali. Gooftaan waan maraanuu qaabii sii haa kennu. Akkuma Dubbii Nagayaatiin himame Yesuus Kiristoosii fiixaa Daawitii ka worra du'e keessaa ka'e yaadi. Ani waan kana lallabe'eef akka waan badaa hojjadheetitti haga hidhamu'uutitti rakkata'aara; dubbiin Rabbii ammo hin hidhamu. Kanaafuu isinillee fayyinna karaa Yesuus Kiristoosiitiin argamu ulfinna bara baraa woliin akka argattan waan worra filatameetiif waan maraanuu hin jabaadha. Dubbiin akkana jedhu amanama'a. «Yoo isa woliin duune, akkasuma isa woliin lubbu'uun jiraanna. Yoo obsinee jabaannee dhaabanne, akkasuma isa woliin moona. Yoo isa waakkanne, akkasuma, innillee nu waakkata. Yoo amanuu baannellee, inni amanamee jiraata. Inni waan uf hin waakkanneef.» Waan kana isaan qaabsis; dubbi'iin akka wol hin dhabne, Rabbiin afo'otti gorsi. Kun waan faayidaa hin qabne, worra dhagayullee waan diiguuf. Nama dubbii dhuga'aa qajeellumma'aan dubbatu, hojjataa hin saalfachiifne taatee eennummaa kee ka qoratame Rabbiin afo'otti dhiyeessu'uuf jabaadhu. Haa ta'uu ammo dubbii adunyaa tanaa hamtuu ta Rabbi hin jaalanne irraa fagaadhu; cubbuu hojjachuu ka duraa caalaa waan edaataniif. Dubbiin isaanii akka madaa nafa namaa nyaata'aa badhata'aa deemuuti; isaan keessaallee Hemenewoosii fi Filixoosiin fa'a. Isaan kunniinillee du'aa ka'iinsi kanaan dura ta'eera jedha'aa dhugaa irraa dogoggoranii amantii namoota gari gari'ii balleessaniiran. «Gooftaan worra isaa hin beeka» Akkasuma, «Worri maqaa Goofta'aa waamu maruu hammeenna irraa haa fagaatuu» ka jedhu bu'uurri Rabbii ka hin sochoone ka chaappaa qabu jabaatee dhaabata. Mana guddaa keessa meeshaa mukaatii fi meeshaa faaraa calla uduu hin taane meeshaan worqi'iitii fi ka meeti'iillee hin jira. Gariin ulfinnaaf, gariin salphinnaaf oola. Eeganaa eennullee waan kanniin irraa yoo uf qulqulleesse, woyyuu ulfinnaaf ta'u, ka Gooftaa isaatiifillee fayyadu, meeshaa hujii mishaa maraaf qophaaye ta'a. Hawwii ka'imumma'aa hamaa irraa dheessi; worra garaa qulqullu'uun Gooftaa waamatan woliin qajeellummaa, amantii, jaalalaa fi nagaya jabeessii hordofi. Haa ta'uu ammo wol dhabbii akka fidu beekiitii worra ceem'anii fi qora worra hin barannee irraa fagaadhu. Garbichi Gooftaa nama maraa biratti gara laafessa, ka barsiisuu danda'uu fi nama obsaan jabaatee haa dhaabatuu malee, ka namaan wol hin lolle haa ta'uu. Haa ta'uu ammo bara dhumaa guyyaan nama dhiphisu akka dhufu beeki. Namoonni worra uf jaalatu, worra horii jaalatu, worra uf saadu, worra uf jajan, worra nama arrabsan, worra maatii ufiitiif hin ajajamne, Worra hin galatoonfanne, worra woyyummaa hin qabne, worra jaalala hin qabne, worra araaramuu hin jaalanne, hamattoota, gar jabeeyyii, worra uf hin qabne, Worra waan mishaa hin jaalanne, gantoota, jarjartoota, worra uf jaju'uun bokokan, Worra Rabbiin gammachiisuu irra uf gammachiisuu jaalatan ta'an. Bifa Waaqa waaqeffatu'uu hin qaban, hunna isaa ammo gananiiran. Worra akkasii irraa fagaadhu. Akkuma Iyyaanse'ee fi Iyyaaberes Muusee morman akkasuma kunniinillee worra sammu'uu fi qalbiin isaanii jalaa bade, worra amantii irraa badan ta'anii dhugaa morman. Haa ta'uu ammo gowwummaan isaanii akkasuma ifa ta'ee marattuu waan mudhatuuf ka duraa caalaa isaanii hin qajeelu. Ati ammo barumsa kiyya, jireenna kiyya, kaayoo kiyya, amantii kiyya, obsa kiyya, jaalala kiyyaa fi jabaachuu kiyya maraa hin beetta; ari'amuu kiyyaa fi rakkachuu kiyya Anxookiya'atti, Iqooniyoonitti, Lisxiraanitti waan na irra gaye maraa ari'atama'aa obsellee hin beetta; Gooftaan garuu kanniin maraa jalaa na oolche. Dhuga'aan worri Yesuus Kiristoosiin keessatti Rabbiin fakkaata'aa jiraatuu jaalatan martinuu hin ari'aman. Haa ta'uu ammo namoonni hammeeyyiinii fi sobduun, worri dogoggoranii dogoggorsan, waan hammeennaatitti jabaata'aa deeman. Ati ammo dubbii barattee fi hubatteen jabaadhuu jiraadhu. Eennuun irraa akka baratte waan beettuuf. Daa'imummaa kee irraa jalqabdee kitaabbilee woyyuu Yesuus Kiristoositti amanu'uun ogumma'aa fi fayyinna sii kennuu danda'an beetteerta. Namni Rabbii qajeela'aa fi hujii mishaa maraaf ka qophaaye akka ta'u, Kitaabni Ayyaanni Rabbii keessa jiru martinuu barumsaaf, gorsa, onnee namaa qajeelchu'uu fi gorsa karaa qajeellumma'aa maraafuu hin fayyada. Rabbiin afo'otti Yesuus Kiristoosiin worra jiranii fi worra du'an maratti murteessu'uuf deebi'ee dhufuuf jeennata isaa yaada'aa jabeesse si gorsa. Dubbii Rabbii lallabi; hennaa sii tolee fi hennaa sii hin tollellee; jabaadhu; obsa gudda'aan barsiisa'aa sirreessi, gorsille'e. Hennaan namoonni, barumsaa sirrii ta'e dhagayuu jibban waan dhufuuf, worra gurrii isaanii dhugaa dhagayuu dhiisee dhara dhagayu'uuf isa hoossisu, akka fedha ufiititti barsiisota ufii qopheeffatan. Gurrii isaanii dhugaa dhagayuu dhiisee, gara oduu faayidaa hin qabnee siiqan. Ati ammo waa maraa uf eega'aa raawwadhu; rakkinna obsi, hujii kee lallaba Dubbii Nagayaa godhadhu. Hujii kee raawwadhu. Lubbuun tiyya amma akka dhibaayyu'uutitti jigu'uuf taati; hennaan deemullee gayeera. Wondhaansoo mishaa bayeera; fiigicha kiyya fixeera. Amantii kiyya eeggadheera; uf afo'otti badhaasaa fi qajeellummaan naaf qophaayeera. Kanallee Gooftaan kiyya ka murtii qajeellumma'aa murteessu akkasuma ana calla'aaf uduu hin taane worra dhufa isaa hawwan maraafuu hin kenna. Akka daddaftee gara kiyya dhuftu jabaadhu. Deemaas biyya lafaa tana waan jaalateef na dhiisee, Gara Tasoloonqe'ee deemeera. Qerqiisi gara Galaatiya'aa, Tiitoonillee gara Dilmaaxiya'aa deemaniiran. Luqaasiin calla'atu na woliin jira. Maarqoos tajaajilaaf waan na gargaaruuf qabadhuu naa koottuun. Tiikiqoosiin ammo gara Efesoonii erge. Hennaa dhuftu waarro'oo fi kitaaba barreeffamaa, keessattuu ka gogaa irratti barreeffame ka Akiriphaa biratti dhiise fuudhii naa koottuun. Tumtuun sibiilaa Iskindiroos guddisee na miidhe; Gooftaan akka hujii isaatitti isaa deebisa. Waan nu dubbannu guddisee waan mormuuf atillee isa irraa uf eegi. Hennaa ani waan ittiin himatame san dhiyeeffadhe, martinuu na irraa dheessan malee eennullee na hin gargaarre. Rabbi kana isaanitti hin laakkayin. Haa ta'uu ammo hujiin lallaba Dubbii Nagayaa ka anaan raawwatamuuf, akka worri Yihuudota hin taane martinuu dhagayaniif Gooftaan na bira dhaabatee na jabeesse. Afaan leencaa jalaallee na hambise. Gooftaan hamaa maraa jalaa na hambisa. Jeennata sami'iititti nagayaan na galcha; isaaf baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin. Maatii Phirsqilla'aa, Aqila'aatii fi Henesfooruutitti nagaya naa himi. Erisxoos Qorontoositti hafe; Xiirofimoosi ammo dhibamnaan Milixiinitti dhiise. Uduu ganni hin seenin akka dhuftu jabaadhu. Ewugiloosi, Pheedees, Liinos, Qilawuudiyaanii fi obboleeyyan maruu nagaya sii dhaamaniiran. Gooftaan Yesuus Kiristoos hafuura kee woliin haa jiraatu. Badhaani isin woliin haa ta'u. Amiin! Phaawuloos garbicha Rabbiitii fi ergamaan Yesuus Kiristoosii, worra Rabbiin filatamaniif akka amantaa isaanii ta'u, abdii bara baraatii fi akka waaqeffannaa dhuga'aa beekaniif ka ergame; waan jireenna kanaatiif Rabbiin hin sobne baroota hedduun duratti abdii kenne. Inni hennaa murteessetti ajaja Rabbii fayyisaa keennaatiin lallaba yaboo natti kenname kanaan dubbii ufii addaataa godhe. Tokkummaa amanta'aatiin Tiitoo ilma kiyya ka dhuga'aatiif: Rabbi Aabbaan, qoricha keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaani, araaraa fi nageenni sii haa ta'u. Sababaa kanaaf waan hafe akka karaa qabsiiftu, qachoota maraa keessatti akkuma ani si ajaje woldaa Kiristaanaa keessattillee manguddoota akka muuddu Qarxeesitti si dhiise. Manguddoonni Woldaa Kiristaanaa ka mudaa hin qabne, ka haadha manaa tokkotti'ii fi ka ijoollee amanan qabu, waan adaba dhabu'uutii fi ajajamu didu'uun ka hin himatamne yoo jiraate muudi. Bulchaan woldaa Kiristaanaa mana Rabbii ka mudaa hin qabne, ka hin koorre, ka hin lolle, ka hin machoofne, ka hin morminee fi ka waan shinga'aa hin jaalanne, Ka keessummaa simatu, ka waan mishaa ta'e jaalatu, ka uf eegu, qajeelaa, woyyu'uu fi ka uf qabu haa ta'uu. Akkasuma barumsa jireenni keessatti argamuun gorsu'uu fi worra morman dogoggora isaanii itti himee deebisuu akka danda'uuf, akkuma barate dubbii amaname saniin haa jabaatuu. Worra hin ajajamne, ka waan duwwaa qaaqanii fi soban, keessattuu gosa worra gadoomanii keessaa heddu. Kunniinillee waan shinga'aatii fi waan ta'uu hin barbaachifne barsiisa'aa, maatii maraa waan dogoggorsaniif afaan isaanii cufuu barbaachisa. Isaanuma keessaa raanni tokko, «Namoonni Qarxeesii hennaa maraa kijibdoota, busaayaa hama'a, nyaattotaa fi worra hujii hin qabne» jedheera. Worra qulqullu'uuf wonti martuu qulqullu'u; worra battaayanii fi hin amannee ammo wonti qulqulluu ta'e womaa hin jiru. Haa ta'uu ammo qalbi'ii fi yaanni isaanii battaayeera. Isaan «Rabbiin beenna» jedha'aa ifa dubbatan. Haa ta'uu ammo worra nama jibbisiisuu fi worra hujii mishaa hojjachuu hin dandeenne waan ta'aniif hujii ufiitiin isa ganan. Ati ammo barumsa jireenna argamsiisuuf akka ta'utti dubbadhu. Manguddoonni ka adaba qaban, ka kabajjaa qaban, ka uf qaban, jaalalaa fi amanta'aan jabaatanii sirrii akka ta'an gorsi. Akkasuma haawwotiin jaaran haalli jireenna isaanii tajaajila woyyu'uuf gayaa ta'uu barbaachisa; worra hin hamanne, worra dhuddoo daadhii woyini'ii baay'eetiin hin sobamnee fi worra waan mishaa barsiisu haa ta'anii. Dubartoonni maqaan Rabbii akka hin arabamne worra abbaa manaa ufii jaalatan, worra ijoollee ufii jaalatan, worra uf qaban, woyyoota, worra mana ufiititti hojjatan, worra mishaa, abbaa manaa ufiitii ajajaman akka ta'an isaan haa gorsanii. Ka'imtoonnillee akkasuma akka uf qaban gorsi. Waanuma kamiinillee waan mishaa ta'e raawwachuun uf fakkeenna mishaa godhii isaaniif uf dhiyeessi; barumsa isaan barsiiftuunillee kasoomu'uun, sirnya; qaaqa qajeelaa mudaa hin qabne dubbadhu; kun worri nu mormanii badooma keenna dubbatuu barbaadan akka waan jedhan dhabanii saalfataniif. Garboonni waan barumsa qoricha keenna Rabbiin waa maraanuu akka galatoonfataniif, bulchoota isaaniitifillee akka ajajaman, woma maraanuu akka isaan gammachiisan. Uduu hin mormineef hin hanne amanamummaa mishaa mara akka argisiisan isaan gorsi. Badhaani Rabbii ka namoota maraa fayyisu mudhateera. Badhaani kunillee cubbu'uun jiraachu'uu fi hawwii biyya lafaa waakkanne. Abdii eebbifamaa keenna, innillee mudhata kabajjamaa Rabbii keenna gudda'aa fi qoricha keenna Yesuus Kiristoosiin eega'aa uf qaba'aa bara kana qajeellumma'aan Waaqa fakkaata'aa bara kana akka jiraannu nu barsiisa. Qorichi keenna hammeenna maraa jalaa akka nu furu waan misha'aa fi qajeelaa godhu'uuf banii isaaf ta'u ufiif qulqulleessu'uuf lubbuu ufii nuu kenneera. Kana maraa baalli'iin dubbadhu, gorsi, uf eeggachiisi. Eennullee si hin tuffatin. Namoota bulchootaa fi worra baallii qaban jalatti bulu'uuf ajajaman hujii mishaa maraaf worra qophaayan, ka eennuunillee hin arrabsine, worra hin mormine, gara laafeyyii, worra nama marattuu fayyaalummaa mudhisan akka ta'an isaan qaabsis. Nullee akkasuma duraan worra waa hin hubanne, worra hin ajajamne, worra dogoggoru, haawwi'ii fi gammachuu foonii ka adda addaatiif garboota taanee, hammeennaa fi hinaaffa'aan worra jiraatu, worra wol loluu fi worra wol jibbu turre. Haa ta'uu ammo Rabbi qorichi keenna, arjumma'aa fi nama jaalachu'uun hennaa dhufe haga araara ufiitiin karaa dhiqata lammeessoo dhalatu'uutiif, Haarawoomsuu Ayyaana Woyyu'uutiin nu fayyise malee, hujii qajeellumma'aa ka nu gooneenii miti. Worri Rabbiin amanan hujii misha'aan uf eegganna'aan akka jabaatan, kanniin cimsitee akka dubbattu barbaada. Kun misha'aa fi waan namoota fayyadu. Atillee qorachuu gowwummaa seenaa dhalootaatiif mormii waan seeraa irratti wol loluu irraa fagaadhu; duwwa'aa fi waan hin fayyanne. Nama nama gar gar bayiinsaaf kakkaasu, namni akkasii nama dabaa cubbuu hojjatee yakka ufitti muree akka ta'e beettee, hennaa tokkoo fi lama haga gorsiteen maayessa nama akkasii irraa fagaadhu. Arximooniin yookaan Tiikiqoosiin gara kee yoo sii erge gara Niqophiiliyooniitii gara kiyya akka dhuftu jabaadhu; ani achi turu'uuf waan muradheeruuf. Beekaa seeraa Zeemaasii fi Aphiloosiin womaa akka isaan jalaa hin hanqanne waan imala isaaniitiif barbaachisu maraa godhiif. Worra gosa keennaa keessattillee akkasuma jireenna bu'aa hin qabne akka hin jiraanne waan barbaachisu maraan hujii misha'aa fi uf kennuu haa baratanii. Worri na woliin jiran maruu nagaya sii dhaamaniiran. Worra amanti'iin nu jaalatan maraafuu nagaya nuu himi. Badhaani isin maraa woliin haa jiraatu; Amiin! Phaawuloosii waan Yesuus Kiristoosiitiif hidhamee fi obboleessa keenna Ximootewoosiin irraa obboleessa keenna jaalatamaa nu woliin hojjatu Filmoona'aa fi Obboleettii teenna Afibiyaa, Arkiphaa nu woliin loltuu ta'eef, woldaa Kiristaanaa ta mana isaa keessa jirtuuf, Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaadhaa fi nageenni isiniif haa ta'u. Gooftaa Yesuusiin biratti, woyyoota maraa biratti waan jaalalaa fi amantii keetii dhagayee, Kadhaa kiyya keessatti si yaadata'aa hennaa maraa Rabbii kiyya hin galatoonfadha. Tokkummaa amantii keetii ka nu biraa qabdu waan mishaa maraa beeku'uun waan Yesuus Kiristoosiitiin akka daraaraa godhattu Rabbiin sii kadhadha. Qalbiin woyyootaa hujii keetiin waan hara baafateef; obboleessa kiyya jaalala keetiin gammachuu gudda'aa fi jabeenna argadheera. Kanaafuu waan godhuu si barbaachisu akka gootu si ajaju'uuf karaa Yesuus Kiristoosiitiin hagamillee yoo ugga qabaadhe, Ani jaarsi Phaawuloos ammallee akkasuma Yesuus Kiristoosiif jedhee hidhame jaalalaaf jedhee si kadhadha. Ani isa erga; inni nama yaada garaa kiyyaa guutu waan ta'eef simadha'aan. Hennaa ani mana hidha'aa jiru bikka kee akka na gargaaruuf uf biratti isa hambifachuu barbaade. Garuu uduu siin hin mari'anne waan tokkollee godhuu hin barbaanne. Kanaafuu maal laataa inni haga hennaa diqqo'oo si irraa fooyamee waan tureef amma ufitti fudhadhuu qabiin; maal laataa ammaa achi akka garbichaa hin ta'u. Ati ammaa achi akka garbichaatitti uduu hin taanee akka obboleessa jaalatamaa garbicha caaluutitti simadhu. Inni keessattuu eega naaf jaalatamaa, ta'e sii ammo foonii fi karaa Goofta'aatiinillee san caalaa jaalatama'a. Eegasuu akka hiriyya'aatitti yoo na laakkofte akka na simattutti isallee simadhu. Inni waan tokkoonillee yoo si yakkee jiraate, yoo liqaan isa irra jiraate, liqaa isaa san ana irratti laakkayi! Ani Phaawuloos, «Liqaa san hin deebisa» jedhee harka kiyyaan sii barreessa. Kanaa achi atuu Kiristoosiin keessaan liqaa kiyya akka taate sitti himuu na hin barbaachisu. Obboleessa kiyya! Maqaa Goofta'aatiin waan kana naa godhi; Kiristoosiin keessaan garaa naa qabbaneessi. Anillee akka ati waan ani si kadhadhu caalaa naa gootu beekee ajajamuu keellee abdadhee kana sii barreessa. Kanaa achi Rabbi kadhaa keessan dhagayee, ani gara keessan deebi'ee akka dhufu waan abdadhuuf, hulee itti hara baafadhu naa qopheessi. Achumaan waan kadhata keessaniitiif jedhee Rabbi isinii na kenna jedhee waan hedadhuuf. Ephafiraan maqaa Yesuus Kiristoosiitiif jedhee hidhameeru, Maarqoosiin na woliin hojjatu, Arisxirookoos, Deemaasii fi Luqaasillee nagaya sii dhaamaniiran. Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii hafuura keessan woliin haa ta'u. Rabbi dur irraa jalqabee hennaa gara garaatii fi karaa gara garaatiin raattotaan abboota teennatti dubbatee, bara dhumaa kanatti ammo karaa ilma ufii ka waa maraa harka isaa jala galchee fi ka adunyaa ittiin uumeen nutti dubbate. Inni ka ulfinna Rabbii calanqisiisuu fi fakkeenna sirrii ka amala isaa ta'ee dubbii ufii jaba'aan maraa irkisee qabeera; haga cubbuu qulqulleesseen maayessa sami'itti gaachena ulfinna isaa mirga taa'e. Kanaaf akkuma maqaan Rabbi isaa kenne maqaa maleekkotaa caalu, Inni ka maleekkota caalu ta'eera. Maleekkota keessaa, «Ati ilma kiyya; ani adha si uumadhe» akkasuma eennuun, «Ani Abbaa isaa ta'a; innillee Ilma naa ta'a» jedhee beeka? Akkasuma hennaa hangafa gara adunya'aa erge, «Maleekkonni Rabbii maruu isaa haa sagadanii» jedha. Hennaa waan Maleekkota ufii dubbatu, «Inni Maleekkota ufii qilleensa; tajaajiltoota ufii ammo arraba ibiddaa godha» jedhe. Waan ilma ufii ammo, «Waaqa kiyya, teessoon kee haga bara baraa jiraata; qajeellummaan ulee jeennata teetiiti. Qajeellummaa jaalattee dhara jibbite; kanaaf Waandhi Rabbiin kee, hiriyyaa kee caalaa muudama gammachu'uutiin si muude» jedha. Akkasuma, «Gooftaa kiyya, ati dura ardii uumte; samiinillee hujii harka keetiiti. Isaan hin badan; ati ammo hin jiraatta; maruu akka uffataatitti moofan, Ati akka woya'aatitti isaan mammarta; isaanillee akka uffataa hin jijjiiraman. Ati ammo sanuma; woggoonni kee sirimaa hin dhumatu» jedha. Maleekkota keessaa eennuun, «Haga diina kee ejjannaa luka keetii sii godhuuf mirga kiyya taa'i» jedhe? Maleekkonni Rabbii maruu ayyaanota worra fayyinna argatan tajaajilu'uuf ergamaniimii? Kanaafuu waan dhageenne irraa maal laataa akka hin fudhatamne isaaf caalchifnee uf eeguu nu barbaachisa. Jechi Maleekka'aan himame yoo jabaa ta'e, ka dubbii kana diiguuf ka isaa hin ajajamne maruu adaba isaaf ta'u argata. Nullee fayyinna guddaa akkanaa kana yoo lash itti jenne, attamiin jalaa baana? Kun dura waan Goofta'aan himamee tureef; worri dhagayanillee nuu cimsan. Rabbuu malkataan, ajaa'ibaa fi maalalee gara garaatiin, akkasuma kennaa Ayyaana Woyyu'uu ka gara garaatiin waan kana rageera. Rabbi adunyaa dhuftu, ta waan isi'ii dubbannu tana akka maleekkota jalatti bultu hin goonne. Haa ta'uu ammo kitaabbilee Woyyuu keessa hulee takkatti; «Waan isaa akka yaaddu, namni maali'i? Yookaan nama tooyachu'uuf ilmi namaa maali'i? Nama diqqoma Maleekkaa hanqifte, gulloo ulfinnaatii fi galataa mataa isaa irra keette. Maraa luka isaa jalatti akka bulu taasifte» jedhee rage. Waa maraa isa jalatti bulchite. Wonti isa jalatti hin bulle tokkollee hin jiru. Amma ammo akka wonti maruu isa jalatti bule hin arginu. Haa ta'uu ammo Ayyaana Rabbiitiin waan nama maraatiif du'a dhandhamu'uuf Yesuusii Maleekkaa diqqoo hanqatee ture, sababaa rakkinna du'aatiin gulloo ulfinnaatii fi galataa godhatee arginaan. Ijoollee hedduu gara ulfinnaa yoo fidu hundee fayyinna isaanii rakkinnaan raawwatu'uuf sababaa isaatiin maruu isumaan ta'e; maruu isumaaf ta'e. Sababa kanaaf maqaa kee obboleeyyan tiyyatti hin hima, amantoota jiddu'uttillee weeddu'uun si galatoonfadha. Akkasuma, «Ani isa hedadha» akkasuma, «Kunoo anii fi ijoolleen Rabbi naa kennellee obboleewwan jedhee isaan waamuu hin saalfatu.» Inni fiixaa Abrahaamii gargaaru'uuf malee Maleekkota gargaaru'uuf hin dhufne. Kanaaf banii irraa cubbuu dhiqu'uuf waan Rabbi maraaf araara godhuuf gadicha hayyicha amanamaa ta'u'uuf, obboleeyyan ufii fakkaachuun isa barbaachise. Inninuu qoramee waan rakkinna argeef worra qoraman gargaaruu hin danda'a. Kanaafuu obboleeyyan woyyoota, worri waamsa sami'ii irraa qoodamtoota taatan, gara ergamaa amantii keennaatii fi gadicha hayyicha Yesuus Kiristoosii laalaa'a. Akkuma Muuseen mana Rabbii keessatti amanamaa ture, innillee Rabbii isa muudeef amanama'a. Namni mana ijaaru akkuma mana ufii caalaa ulfinna caalu qabu akkasuma inni Muusee caalaa ka ulfinna guddaa qabu ta'ee argameera. Manni maruu nama tokkoon ijaarame. Ka waan maraa qopheesse ammo Rabbi. Muuseen waan uf afo'otti dubbatamuuf san ragaa ta'u'uuf mana Rabbii maraa keessatti tajaajilaa amanamaa ture. Kiristoos ammo mana Rabbii keessatti akka Ilmaatitti amanama'a; nullee waan itti abdannuuf abdii ittiin boonnu haga dhumaa jabeessinee yoo eenne nullee mana isaati. Kanaafuu akka Ayyaanni woyyuun jedhu, «Adha laagaa isaa yoo dhageettan, Kanaaf ani dhaloota sanitti aare. ‹Hennaa maraa onnee isaaniitiin hin dogoggoran; isaan karaa kiyya hin beenne jedhe. Akkasuma, ‹hulee hara baafata kiyyaa sirima hin galan! jedhee aari'iin kakadhe» jedhe. Obboleeyyan tiyya! isin keessaa eennullee ka Rabbii jiraataa irraa fagaatuu fi cubbamaan, akkasuma ka gara'aa hin amanne isin keessa akka hin jiraanne uf eegaa'a! Haa ta'uu ammo isin keessaa eennullee cubbu'uun sobamu'uun morkataa akka hin taane, «Adhuma» waan guyyaa maraa uduma guyyaan sun hin lufne woliin mari'adhaa'a! Amantii keenna ka duraa haga dhumaa cimsinee uduu eennee worra Kirstoosiin woliin jeennata Rabbii keessa jiraatu taaneerra. Kunillee, «Adha hennaa sagalee isaa dhageettan garaa hin jabaatinaa'a! onnee teessan morkataa hin godhinaa'a!» Worri dhagayanii didan eennuun fa'a? worra Muuse'een masakkamanii Misirii bayan sanniinii mii? Ka woggaa afurtamaa loleen eennuun fa'a turan? Ka reeffi isaa lafa gammoojji'ii keessatti kufe, worri cubbuu hojjatan isaanii mii? Worra hin ajajamne yoo ta'e malee gara hulee hara baafannaa kiyyaa hin galtan jedhee eennuun fa'atti kakate? Amanuu dhabuu isaaniitiin gara hulee hara baafanna'aa seenuun akka isaanii hin danda'amne argina. Eeganaa abdiin hara baafataa ta inni nuu kenne sanitti galu'uuf waadaan galu'uu ammallee waan banaa jiruuf isin keessaa eennullee carraa galu'uu akka hin dhabne uf haa eennuu. Dubbiin gammachu'uu akkuma isaanitti himame nuttillee himameera. Haa ta'uu ammo dubbiin dhagayan worri dhagayan sun amanti'iin waan isaan keessatti hin qabamneef womaa isaanii hin goone. Hujiin isaa haga adunyaan uumamtee jalqabee yoo raawwatamellee, «Isaan hulee hara baafataa ta ani isaanii kennee sanitti sirima hin galan jedhee aari'iin kakadheera» Akkuma jedhe nu worri amanne hulee hara baafataatitti hin galla. Waan guyyaa torbeesso'oo hulee tokko irratti Rabbi guyyaa torbeesso'oo hujii maraa irraa hara baafate waan jedheeruuf. Hulee tanattillee akkasuma gara hara baafata kiyyaa hin seenan. Worri hulee hara baafataa san galu gari gariin hin jira. Waan dubbii gammachu'uu ka himame sanii ajajamuu didaniif hulee hara baafata isaanii kennameetitti hin galle; Kanaafuu Rabbi, «Adha jedhee ammallee guyyaa san murteesse; kunillee bara dheera'aan maayessa karaa Daawitiitiin «Adha» sagalee isaa yoo dhageettan garaa hin jabaatinaa'a!» jedhamee akkuma dur dubbatame san. Uduu Iyyaasuun isaan hara baafachiiseera ta'ee, achiin maayii silaa waan guyyaa biraa hin dubbatu. Eeganaa hara baafanni guyyaa Sambataa banii Rabbiitiif hafeera. Namni gara hara baafata ufii seene akkuma Rabbi hujii ufii irraa hara baafate innillee hujii ufii irraa hara baafateera. Eeganaa eennullee ajajamuu didu'uun kufee akka hin hafne gara hulee hara baafanna'aa kana seenu'uuf haa jabaannuu. Dubbiin Rabbii jiraata'a; hunna hojjatuunillee uf keessaa qaba; guraadee gara lamaan qara qabu caalaa qarama'a; lubbuu, hafuura, ribuu, lafe'ee fi dhuka haga gar gar baasutti woraanee seenuu danda'a; miira onne'eetii fi ka yaadaa qora. Isa nu tooyatu afo'otti wonti maruu qulla'aa fi addaata'a; isa afo'otti uumamni dhokate hin jiru. Eeganaa ka gara sami'ii ol baye gadicha hayyicha guddaa Ilma Rabbii Yesuusiin waan qabnuuf jabaannee amantii keenna haa eennuu. Nu gadicha guddaa dadhabbii keennatti garaa nuu laafu qabna; Inni waa maraanuu ka akkuma keenna qorame ta'ullee cubbuu woyiituu hin hojjanne. Eeganaa akka araara argannu waan nu barbaachisu maraa hennaa nu barbaachisutti badhaadha akka argannu gara teessoo badhaadha isaa amanti'iin haa dhiyaannuu. Bulchoonni gugurdaan gadootaa maruu namoota keessaa filamanii waan Rabbiitiif bikka namootaa kennaa ciincaa cubbu'uu dhiyeessu'uuf muudaman. Innuu waan dadhabbii qabuuf worra wollaala'aa fi worra raantayanii garaa laafuu danda'a. Sababa kanaan waan cubbuu bani'iitiif akkasuma ufiifillee ciincaa cubbu'uu dhiyeessa. Ka akka Aaroonii Rabbiin waamame malee eennullee ulfinna isaa ufiif ka fudhatu hin jiru. Akkasuma Kiristoosillee gadicha guddaa ta'u'uuf uf hin kabajjine. Haa ta'uu ammo, «Ati Ilma kiyya, ani adha si uumadheera!» ka jedheen isuma. Akkasuma hulee biraatitti ammallee «Ati akka muudamaa, Malkasaadiqii, ati baraa haga bara baraa gadicha» jedha. Inni hennaa lafa tana irra jiru laagaa gudda'aa fi imimmaaniin faate'een, kaawwaniillee kadhachu'uun gara Waaqa isa hambisuu danda'uutitti dhiyeesse. Gadi uf qabee waan ajajameef Rabbi kadhaa isaa dhagayeef. Hagamillee yoo Ilma isaa ta'e, rakkinna isa irra gayeen ajajamuu barate. Waan isaa wonti dubbannu waan heddutu jira. Waan gurri keessan juu jedhee dhagayuu dideef dubbi'iin hiikuun rakkisa'a. Isin hennaa tana silaa barsiisota ta'u'utu isin barbaachisa. Amma ammo akka namni tokko dubbii Rabbii ka jalqabaa irraa deebi'ee barumsa biraa isin barsiisuu barbaachisa; akka kanaan wonti isinii ta'u aannan malee nyaata jaba'aa miti. Ka aannan woga'amu maruu daa'ima waan ta'eef dubbii qajeellumma'aa hin beeku. Dhiyanni jabaan ammo worra waan misha'aa fi waan hamaa addaan baasuuf, worra waa hubatanii fi worra yaada guutu'uutiif barbaachisa. Eeganaa barumsa waan Kiristoosii ka jalqabaa dhiifnee gara barumsa worra gugurda'aa haa deemnuu; bu'uura deebifnee hin bu'uursinuu. Sunillee hujii gara du'aa nama geessu irraa aagii galuu, Akkasuma Rabbitti amanu'uun, waan cuuphootaa, waan harka nama irra kaayu'uu, waan worra du'oota keessaa ka'aniitii fi waan barumsa murtii bara baraa deebifnee haa hundeessinuu. Yoo Rabbi jedhe kana goona. Worra hennaa tokko ifti ifeef, worri kennaa sami'iillee mi'eeffatan, worri Ayyaana Woyyuu irraa qoodaman, worri dubbii Rabbii misha'aa fi hunna adunya'aa ka dhufu'uuf ta'u mi'eeffatanii fi worri maayii deebi'anii waakkatan lamuu aagi'iin isaan deebisuun waan hin danda'amne. Ufumaa Ilma Rabbii fannisanii waan salphisaniif. Lafti hennaa hedduu rooba isii irratti roobu dhuddu, worra isii irratti qotataniifillee akkasuma ta fayyaddu, biqiltuullee ta margisiiftu Rabbiin irraa eebba argatti. Yoo qore'ee fi qummuudduu margisiifte ammo ta gatamte, ta abaaramtee fi ta dhumti isi'ii gubatu taati. Goshoota tiyya! waan keessan ammo yoma akkanumaanillee dubbanne, isin eebba caalu ka fayyinna keessaniin argame fidu irra jiraachuu keessan hubanneerra. Waan woyyoota tajaajiltaniif, haga ammaallee waan tajaajila'aa jirtaniif hujii hojjattan, jaalala maqaa isaatiif mudhiftan akka hin irraanfanne Rabbi hama'aa miti. Haga abdiin kenname raawwatamuuf, isin martinuu ciminna akkanaa kana haga dhumaa akka mudhiftan hawwina. Worra dubbii abdi'ii ka amanti'ii fi obsaan kenname san dhaalu akka fakkaattaniif malee akka amshaaggota taatan hin barbaannu. Akkasuma innillee haga obseen maayii abdii argate. Namoonni waan ka isaan caaluun kakataniif dubbii ufiillee kaku'uun jabeessan; kakuun waan jedhame cimsa; mormii isaan jiddu'utti ka'e maraa balleessa. Kanaafuu Rabbi dubbii abdi'ii worra dhaalaniif, yaada isaa akka hin jijjiiranne caalchisee isaanitti mudhisuu waan barbaadeef, Rabbi akka kanaan waan lamaan hin jijjiiramnee fi ka soba hin qabneen abdi'ii fi kakuu nuu galeera. Kana lamaaniin abdii nu afoo jiru jabeessinee qabatuu akka dandeennu, nu worri gara isaa dheessine jajjabeenna guddaa arganna. Nullee abdatama'aa fi jabaa lubbuu teenna qabatee dhaabatu, ka akka sibiila gaadituu markaba qabee dhaabu qabna. Abdiin kunillee golga duubaan lufee hulee woyyicha galma Rabbii ka sami'ii seene. Achii Yesuus akka muudamaa Malkasaadiqii baraa haga bara baraa hangafa gadootaa ta'ee waan keennaaf firrisee seene. Malkasaadiq mootii Saaleemiitii fi gadicha guddaa Rabbii maraa olii ture; Malkasaadiqiin kun hennaa Abrahaam mootota ajjeesee deebi'u isa argee eebbiseen. Isaafillee akkasuma Abrahaam waa maraa keessaa kurneessoo kenneef; hiikkaan maqaa isaa ka duraa, «Mootii qajeellumma'aati», akkasuma ka lammeesso'oo ammo, «Mootii Saaleemiiti» jechuun «Mootii nagayaa» jechu'u. Abbaa fi haadha, laakkobsa, hidda dhalootaallee hin qabu. Barrinii fi jireenni isaa jalqabaa fi dhuma hin qabu. Haa ta'uu ammo akka Ilma Rabbii baraa haga bara baraa gadicha ta'ee jiraata. Hangafni abbootaa Abrahaam waan booji'e keessaa mishaa kudhan keessaa tokko yoo kenne, namni kun attam akka guddaa ture mee laalaa'a! Ijoollee Lewwi'ii keessaa worri hujii gadicha ta'u'uu argatan, banii keessaa jechuun obboleeyyan ufii keessaa isaan hagamillee yoo gudeeda Abrahaamii keessaa bayan isaan kudhan keessaa tokko seeraan akka baasan ajaja qaban. Namichi hiddi dhaloota isaa Leewwii hin taane kun Abrahaamiin harkaa kudhan keessaa tokko fudhateera. Isa dubbii abdi'ii qabu hin eebbise. Maandhichi hangaftichaan akka eebbifamu waan mormii hin qabne. Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko Leewwota worra du'uu danda'aniin wolitti qabama. Karaa kaaniin ammo Malkasaadiqii jiraataa ragameef saniin wolitti qabama. Leewwiin kudhan keessaa tokko fudhatu karaa Abrahaamiitiin, «Kudhan keessa tokko baaseera» Hennaa Malkasaadiqiin wol gayan, inni hin dhalanne gudeeda Abrahaamii keessa jira. Eeganaa bani'ii ka kenname akkaataa gadummaa seera Leewwi'iitiin. Uduu gadummaa Leewwotaatiin guutuu ta'uun ka argamu ta'ee, muudamuu gadummaa Aarooniitiin uduu hin taane, silaa gadichi Malkasaadiqiin biraa maaf barbaachise? Gadummaan sun yoo jijjiirame, seerrillee akkasuma hin jijjiirama. Inni waan isaatiif dubbatame kun gosa biraatii gosa kana keessaa hulee ciinca'aatitti dhiyaatee ka tajaajile eennullee hin jiru. Gooftaan keenna gosa Yihuuda'aa keessaa akka dhalate beekkama'a. Muuseen hennaa waan gadumma'aa dubbatu waan gosa kanaa womaa hin dubbanne. Hunna jireenna dhuma hin qabneetiin malee seera ajaja fooniitiinii miti. Gadichi biraa fakkeenna Malkasaadiqiitiin uduu ka'ee kun guddisee waan mudhatu. Waan isaatiif barreeffama Woyyuu keessatti, «Ati akka muudama Malkasaadiqii, ati baraa haga bara baraatitti gadicha» jedhamee ragaa bayameeraaf. Seerri womaa guutuu waan hin gooneef, kanaafuu dadhabdu'uu fi ta hin fayyanne waan taateef, seerri duraa diiggamteerti; abdiin caalu ka gara Rabbii ittiin dhiyaannu tokko dhufeera. Isaanillee waadaa malee gadoota waan ta'aniiraniif, inni ammo, «Goofta'a, ‹Ati akka muudama Malkasaadiqii baraa haga bara baraatitti gadicha› jedhee kakate, hin gaabbulle'e» jedhamee hennaa himameef, waada'aan gadicha waan ta'eeruuf; akkuma waadaa malee gadicha hin taane akkasuma Yesuus waadaa caaluuf wobii ta'eera. Gadoonni hujii gadummaa ufii akka lufanii hin hojjanne ka duuti isaan dhooggite laakkobsaan heddu. Inni ammo baraa haga bara baraa waan jiraataa ta'eef gadummaan isaa hin jijjiiramu. Waan isaaniitiif Rabbiin kadhachu'uuf, hennaa maraa lubbu'uun jiraata. Kanaaf worra karaa isaatiin gara Rabbii dhufan sirima isaan fayyisuu danda'a. Woyyu'uu fi ka dhara hin qabne, ka mudaa hin qabne, ka cubbamtoota irraa fooyamee fi ka samii irratti kabajjame hayyichi gadichi akkanaa kun nu barbaachisa. Inni akka bulchoota gadoota kaawwanii dura waan cubbuu ufiitiif, maayii waan cubbuu bani'iitiif guyya guyya'aan ciincaa dhiyeessuun isa hin barbaachisu. Hennaa uf kenne waan maraa hennaa tokkoon raawwateera. Seerri Muuse'ee namoota dadhabbii qaban, gadicha hayyicha godhee waan muuduuf, dubbiin kaku'uu ka seeraan maayii dhufe ammo Ilma guutuu baraa haga bara baraa ta'e muuda. Waan dubbanne keessaa wonti guddaan kana. «Ka sami'itti teessoo ulfinnaa irra mirga Rabbii taa'e, gadicha hayyicha guddaa akkanaa kana qabna» Inni tajaajilaa mana woyyu'uutii fi tajaajilaa daasee dhuga'aati, isiin ta namaan uduu hin taane ta Goofta'aan ijaaramte. Hayyoonni gadootaa maruu kenna'aa fi ciincaa dhiyeessu'uuf muudaman. Kanaafillee akkasuma waan dhiyeessu qabaachuun giddi'i. Inni lafa irra uduu jiraatee, akka seeraatitti gadoonni kennaa dhiyeessan waan jiraniif silaa gadicha hin ta'u. Daaseen gadoonni keessatti tajaajilan kun daasee samii gubbaa jiruuf fakkeennaa fi gaaddiddu'u; hennaa Muuseen daasee ijaaru'uuf ka'e Rabbi, «Waa maraa malaan akkuma fakkeenna gaara irratti sitti mudhiseetitti uf eeggadhuu huji!» jedheeniiti. Amma ammo, waadaan Yesuus jiddu galeessa ta'e; akkuma waadaa duraa maraa caalu, tajaajilli inni fudhatellee tajaajila isaanii hin caala; kun abdii caalu irratti hundeeffame. Uduu waadaan duraa ka mudaa hin qabne ta'ee, silaa ka lammeesso'ootiif huleen hin barbaadamu. Isaan tuffata'aa akkana isaaniin jedha, «Kunoo ji'oonni mana Israa'eliitii fi Yihuuda'aa woliin waadaa haarawa galu hin dhufa» jedha Gooftaan. Biyya Misiriitii isaan baasu'uuf guyyaan harka isaanii qabe, waadaa akka abboota isaanii woliin galeetii miti. ‹Isaan waan waada kiyya irra hin dhaabanneef, anillee lash isaanitti jedhe› jedha Gooftaan. ‹Ji'oota sanniiniin maayii, waadaan mana Israa'elii woliin galu, seera kiyya qalbii isaanii keessa kaaya; Onnee isaaniitittillee hin barreessa; ani Rabbiin isaanii ta'a, Isaanillee banii kiyya ta'an, ka jedhu kana› jedha Gooftaan. ‹Marti isaaniituu ollaa ufiitiin, obboleessa ufiitiinillee, Gooftaa beeki! jedhee hin barsiisu; diqqa'aa haga gudda'aatitti martinuu waan na beekaniif. Waan hammeenna isaaniitiifillee isaanii araarama; cubbuu isaaniillee lammata hin yaadu.› » Haarawa jechuu isaatiin ka duraa moofseera; wonti moofaanii fi ka jaare badu'uuf dhiyaateera. Waadaan duraa ammo seera waaqeffannaa mana woyyuu adunyaa tanaa qabdi. Daaseen duraa ta qophoofte, «Isii woyyittii» jedhamtu keessa waan ibsaa irra kaayan, xarapheessa'aa fi xoroshoo ciinca'aatitu jira. Golga lammeesso'oo duubaan daasee, «Woyyittii woyyootaa» jedhamtutu jira. Achi keessa girgiraan worqi'ii, Saanduuqa waada'aa ka worqi'iin dibame; Saanduuqa waada'aa kana keessa masoobii worqi'ii ta nyaanni sami'ii keessa jiru, ulee Aaroonii ta margitee fi dhagaa baxxicha waadaa Rabbii ka seerri kudhanii irratti barreeffametu jira. Saanduuqa waada'aa irra waan cubbuu balleessu golga ulfinna kiruubeeliititu ture. Waan kana maraa tokko tokko isaaniitiif amma dubbachuu hin dandeennu. Kunillee uduu akkanatti qophaayee jiru, gadoonni tajaajila isaanii raawwachu'uuf hennaa maraa daasee duraatitti seenan. Gara gola lammeesso'oo ammo hayyichi gadootaa hojja ufii woggaa keessa hennaa tokko callaa seena. Innillee dhiiga waan ufiitii fi waan balleessaa bani'iitiif dhiyeessu uduu hin qabanne hin seenu. Daaseen duraa uduma as dhaabatteertu, karaa gara woyyitti'ii geessu duranaa akka hin mudhanne Ayyaanni Woyyuun hin mudhisa. Kunillee fakkeenna waan ammaati. Akkanuma kenna'aa fi ciinca'aan hin dhiyaatan. Kunniin ka haga seerri haarawaa dhufutti ta'an, waan nyaataatii fi waan dhuddo'oollee waan dhiqachuu adda addaatiif ta'an, seera foonii callaa waan ta'aniif, ka waaqeffatullee sammuu isaa sirima qulqulleessuu hin danda'an. Haa ta'uu ammo Kiristoos waan mishaa dhufu'uuf ta'an sanniinii gadicha hayyicha guddaa ta'ee mudhateera; daaseen inni seene guddo'oo fi ta mudaa hin qabne; daaseen tun ta harki namaa hin hojjannee fi ta uumama adunyaa tanaa hin taaneeti. Furama bara baraa argatee hennaa tokko raawwatee, gara woyyittii woyyootaa dhiiga ufiitiin seene malee dhiiga re'iiniitii fi ka jabbile'eetiinii miti. Dhiinni korommi'iitii fi ka re'iinii, ka worra battaayan irratti faca'e, daaraan goromsa ciincayee foon qulqulleessu'uuf ka woyyoomsan yoo ta'an, Dhiinni Kiristoosii ka mudaa hin qabne ta'ee, Ayyaana bara baraatiin ka Rabbiif uf dhiyeesse, attamitti waan kana caalaa Rabbii jiraataa akka waaqeffatan, hujii du'aa irraa sammuu keessan hin qulqulleessine ree? Kanaafuu worri waamaman abdii dhaala bara baraa kennameef san akka argataniif Kiristoos jiddu galeessa waadaa haarawaa ta'e. Yoo dhaamsi dhaalaa jiraate, du'a namicha dhaamatee san mirkaneessuun barbaachisaa waan ta'eef. Dhaamsi dhaalaa yoo namichi dhaala dhaame sun du'e callaa hojii irra oola malee uduu inni lubbu'uun jiru hin ta'u. Kanaafuu waadaan duraatuu dhiiga malee hujii irra hin oolle. Akkasuma daase'ee fi mi'a tajaajilaa marattuu dhiiga facaase. Akka seeraatitti waan hago'oon ala wonti maruu dhiigaan qulqullaaya; uduu dhiinni hin jinne dhiifamsi cubbu'uu hin jiru. Eeganaa kunniin ka fakkeenna waan sami'ii ta'an martinuu waan kana mara caaluun qulqullaayuu isaan barbaachisa. Wonti samii jiru ammo, ufiifuu ciincaa kana caaluun qulqulleeffamuun giddi'i. Kiristoos gara mana woyyuu ta harka namaatiin hojjatamte woyyittii fakkeenna dhuga'aa taatetti waan hin seenneef; haa ta'uu ammo inni amma Rabbiin afo'otti waan keennaaf mudhatu'uuf gara sami'ii isii keessa seene. Akka hayyoonni gadootaa dhiiga ufii uduu hin taane dhiiga biraa qabatee woggaa wogga'aan gara woyyittii woyyootaa seenu, inni hennaa hedduu uf dhiyeessu'uuf hin seenne. Uduu akkana ta'ee, uumama adunya'aatii jalqabee hennaa hedduu silaa rakkinni Kiristoosiin irra gaya; amma ammo dhuma adunya'aa irratti uf ciincaa godhu'uun cubbuu diigu'uuf hennaa tokko mudhateera. Namootaaf harka tokko du'uun, achiin maayiillee murtiin akka isaaniif murtaaye, akkasuma Kiristoosillee ammo cubbuu namoota hedduu baadhatu'uuf hennaa tokko haga ciincaa ta'een maayii, isaan fayyisu'uuf worra cubbuu malee isa eeggataniif lammeessoo deebi'ee isaanitti mudhata. Seerri waan mishaa dhufu saniif gaaddiddu'u malee bifa dhugaa isaatii miti. Kanaafuu wogga wogga'aan hennaa maraa ciincaa dhiyaatu sirima guutuu taasisuu hin danda'u. Akkana uduu ta'uu dhabaatee worri waaqeffatan hennaa tokko qulqullaayanii achiin maayii sammuu isaaniitiin cubbuu waan hin beenneef silaa ciincaa dhiyeessuu hin dhiisanii? Haa ta'uu ammo ciincaan kun maruu ka isaan wogga wogga'aan cubbuu ittiin qaabatan. Dhiinni kormaatii fi ka re'iinii cubbuu balleessuu hin dandeenne. Kanaafuu hennaa gara adunya'aa dhufe, «Ati kenna'aa fi ciincaa hin jaalanne, nafa naa qopheessite. Ati kennaa ciinca'aatii fi, kennaa sababa cubbu'uutiif ciincawu marattuu hin gammanne. Hennaa san kunoo anillee, akkuma wonti kiyya Kitaaba maramu keessatti barreeffame, Waaqa kiyya, ani fedha kee raawwatu'uuf dhufeera› jedheen» jedha. Kana irratti, «Kenna'aa fi ciincaa gubatu maraa ciincaa sababaa cubbu'uutiif dhiyaatullee hin jaalanne; isattillee hin gammanne» jedhe. Kunniin waan akka seeraatitti dhiyaatan. Itti aansee Waaqa kiyya! «Ani fedhii kee guutu'uuf dhufeera» jedhe. Ka lammeesso'oo ijaaru'uuf jedhee ka duraa diiga. Akka fedha Rabbiitiin nu foon Yesuus Kiristoosii ka hennaa tokko ciincaa ta'ee kennameen woyyuu taaneerra. Hayyoonni gadootaa maruu guyya guyya'aan tajaajila ciincaa sirima cubbuu balleessuu hin dandeenne saniin hennaa maraa dhaabatee dhiyeessa. Kiristoos ammo hennaa tokko ciincaa bara baraaf ta'u haga dhiyeesseen maayessa mirga Rabbii taa'e. Hennaa san irraa jalqabee haga diintonni luka isaa jala ta'aniif hin eeggata. Inni hennaa tokko uf kennee worra woyyooman baraa haga bara baraa guutuu isaan taasiseera. Ayyaanni Woyyuun akkasuma waan kana nuu raga; «Hennaa jiini sun gaye, waadaan isaan woliin galu kana jedha Gooftaan. Seera kiyya isaan keessa kaaya; laphee isaanii keessattillee hin barreessa» jedhee haga dubbateen maayii, Itti aansee, «Cubbuu isaaniitii fi hammeenna isaanii deebi'ee hin qaabadhu» jedha. Eega araarri maraaf kenname ammaa achi ciincaan cubbu'uuf dhiyeeffamu hin jiru. Hayyicha gadicha guddaa mana Rabbii irratti baallii qabu waan qabnuuf, sodaa sammu'uu ka dharaa irraa qulqullaayu'uun garaa keenna qulqulleeffannee, nafa keenna bisaan qulqullu'uun dhiqannee, amantii hubanneen garaa qajeelaa'an Rabbitti haa dhiyaannuu. Ka dubbii abdi'ii kenne amanamaa waan ta'eef akka hin sochoone ragaa abdii keennaa haa eennuu. Jaalalaa fi hujii misha'aaf haa dadammandhuu; wol haa tooyannuu. Akkuma kaawwan biratti baratame, wol geettii keennallee akka hin dhiifne, woliin haa mari'annuu malee guyyaa dhufa Goofta'aa qaabata'aa ta qaraa caalaa kana godhaa'a. Haga beekkumsa dhuga'aa arganneen maayii beeka'aa yoo cubbuu hojjanne ammaa achi ciincaan waan cubbu'uutiif dhiyaatu hin jiru. Ammaa achi murti'ii fi ibidda sodaachisaa diintota Rabbii balleessu callaa eeggatu'utu hafe. Namni seera Muuse'ee tuffate, namni lamaa yookaan sadihii yoo itti rage, gara laafinna malee ajjeefama. Namni Ilma Rabbii tuffate, waadaa dhiiga ittiin qulqullaaye san ka akka batti'iititti laakkaye, ka Ayyaana badhaadhaa arrabse adabbiin maraa caalu isa irratti waan hin taane seetanii? «Haluun tiyya! ani haluu sii baasa» ka jedhe waan beennuuf, akkasuma «Gooftaan banii ufiititti hin murteessa» Harka Rabbii jiraata'aatitti kufuun nama sodaachisa. Haga ifni isinii ifeen maayessa hennaa dur rakkinni isin irra gaye san qaabadhaa'a. Isin hennaa tokko tokko nama afo'otti arrabamtaniirtan; dhiphattanii hennaa biraallee worra akkana rakkatan woliin rakkattaniirtan. Qabeenna caalu sami'itti isinuu akka qabdan beettaniirtan. Hidhama kiyyaaf garaa naa laaftan; qabeenni keessan hennaa fudhatamu obsitanii gammachu'uun laaltan. Eeganaa abdii uggiitii keessanii ka gatii guddaa qabu hin gatatinaa'a! Fedhii Rabbii raawwattanii, dubbii abdi'ii ka isinii kenname akka argitan obsuu isin barbaachisa. Kanaafuu, «Hennaa diqqo'oon maayii, ka dhufu'uuf ta'u, uduu hin turre dhufa. qajeelaan, amanti'iin jiraata; yoo inni gara duubaa deebi'e, lubbuun tiyya isatti hin gammaddu» Nu ammo worra lubbuu ufii hambisu'uuf amane malee, worra gara duubaatitti deebi'ee baduu miti. Amantiin waan abdatan, «dhuga'aan hin ta'a» jedhanii fudhachu'uu fi waan ijaan hin argine akka waan arganiititti hin jira jedhanii laakkayu'u. Manguddootaaf ka ragameef waan kanaan. Akkuma adunyaan dubbii Rabbiitiin uumame wonti mudhatu, waan mudhatu irraa akka hin taane amanti'iin hubanna. Aabeel ciincaa ciincaa Qaa'elii caalu amanti'iin Rabbii dhiyeesse, akka kanaan Rabbi ciincaa Aabeelii gammachu'uun hennaa fudhate, Aabeel amanti'aiin qajeelaa akka ta'e ragameef. Haga du'ellee ciincaan isaa haga ammaa dubbata. Heenook akka hin duune amanee amanti'iin gara sami'ii ol baye. Waan Rabbi ol isa fudhateef hin argamne. Uduu hin fudhatamne, Rabbiin akka gammachiise ragameeraaf. Amantii malee Rabbiin gammachiisuun hin danda'amu. Namni gara Rabbii dhiyaatu akka Rabbi jiru worra isa soqaniif ka gatii kennu akka ta'e amanuu barbaachisa. Noohi waan haga ammaa hin mudhanne amanti'iin hubatee, Rabbiin sodaata'aa maatii ufii hambisu'uuf markaba amanti'iin hojjate. Sababa amantii isaatiif biyya lafaatitti yakki murame. Inni qajeellummaa amanti'iin argamu dhaale. Abrahaam gara ristii hin argatta jedhamee san biyya ufiitii bayee hulee dhaalaan argatu akka dhaqu hennaa waamame, gara dhaqu uduu hin beekin amanti'iin ajajame. Inni akka keessummaa biyya ormaa jiruutitti lafa isaaf waadaa galame san keessa amanti'iin jiraate. Akkuma worra isa woliin waadaa dhaalanii, akkuma Yaaqoobii fi Yisaaqii daasee keessa akka galtu'uutitti jiraate. Qachaa hundee qabdu ta Rabbi hojjate eeggata'aa waan tureef. Ka abdii kenne amanamaa akka ta'etti waan laakkayeef, «Saaraan haga umuriin isi'iituu lufeen maayii fiixaa argatu'uuf amanti'iin hunna argatte» Kanaafuu baniin baay'inni isaanii akka urjii sami'ii ka hin laakkayamne, akka xidhacha qarqara galaanaa nama tokkicha nafti isaa akka nama du'ee fakkaate keessaa dhalatan. Kunniin maruu amananii du'an; garuu dubbii abdi'ii ka isaanii kenname hin arganne. Haa ta'uu ammo fago'oo arganii reebbatan. Biyya itti galan sanitti keessummootaa fi galtuu ta'uu ufii beekan. Akkas ta'uun isaanii biyya biraa eeggatuu isaanii mudhisa. Uduu biyya keessaa bayan san yaadan ta'ee silaa deebi'uu danda'an. Amma ammo biyya sami'ii ta maraa caaltu hawwan. Kanaafuu, «Rabbi Waaqa isaaniiti» jedhamee waamamu'uuf isaanitti hin saalfatu. Waan qachaa isaanii qopheesseeruuf. Rabbi worra du'an keessaayyuu kaasuu akka danda'u waan yaadeef, akkuma waan du'aa ka'eetitti Abrahaam Yisaaqiin deebisee argate. Yisaaq waan durana dhufu'uuf ta'u qaabatee amanti'iin Yaaqoobii fi Eesawuu eebbise. Yaaqoob hennaa du'uu gaye, qaccee bordoo ufiititti irkifatee Rabbii sagada'aa amanti'iin ijoollee Yooseefii maraa eebbise. Yooseef hennaa du'uu gaye, waan biyya Misirii keessaa bayuu ijoollee Israa'elii amanti'iin qaabatee, waan lafee ufiillee dhaamate. Muuseen haga dhalateen maayii haati isaatii fi abbaan isaa daa'ima bareedaa ta'uu isaa arganii, amanta'aan ji'a sadihii dhossaniin; labsii mooti'iillee hin sodaanne. Muuseen haga guddateen maayii ilma intala Fari'oonii akka hin jedhamne amanta'aan dide. Gatii ufii xiinxallee waan laaleef, qabeenna biyya Misirii hedduu irra waan Kiristoosiitiif tuffatamuun, durummaa maraa caalu akka ta'e waan yaadeef, gammachuu cubbu'uun henna'aaf argamu caalaa banii Rabbii woliin rakkachuu filate. Waan hin mudhanne akka waan arga'aaruu godhee jabaate; uduu dheekkamsa mootichaa hin sodaanne amanti'iin biyya Misiriitii baye. Maleekkaan akka ijoollee hangafaa hin tundhe Faasika'aa fi dhiiga facaasuu amanti'iin godhe. Akka waan lafa gogaa irra deemaniititti galaana Ertira'aa amanti'iin ceeyan. Namoonni Misirii ammo hennaa ceeyuu yaalan hin liqimfaman. Dalloofni dhaga'aa ka Iyyaariko'oo guyyaa torbaaf haga irra naannayaniin maayii amanti'iin jige. Seebartittiin Ra'aab worra gaadu nagayaan waan simatteef, worra hin ajajamne woliin amanti'iin hin banne. Eeganaa ani maal jedha? Waan Gedewoonii, waan Baaraaqii, waan Saamsoonii, waan Yooftaahe'ee, waan Daawitii, waan Saamu'eeliitii fi waan raattotaa akka hin mammaanne hennaan na jalaa gabaabbata. Isaan amanti'iin mootummaa injifatan; qajeellummaa hojjatan, dubbii abdi'ii ka isaanii kenname argatan, Afaan Leencotaa cufan; hunna ibiddaa dhaamsan; qara sibiilaa jalaa bayan; dadhabbii ufii irraa jajjabaatan; lolatti janna ta'an; loltoota nyaaphaa ari'an. Dubartoonni isaanii worra isaanii ka du'aa ka'an arganii isaan simatan. Kuuwwanillee uduu fayyinna hin arganne, du'aa ka'iinsa caalu akka argataniif haga du'aa tumaman. Kuuwwanillee itti shaqqaadamee tumamanii hidhamanii mana hidha'aatitti gataman. Dhaga'aan tumamanii du'an. Ataabamanii, magaazi'iin baqaffamanii guraade'een du'an. Waa maraa dhaba'aa, rakkata'aa, dhiphata'aa, gogaa hoola'aatii fi gogaa re'e'ee uffatanii asii fi achi naannayan. Waan adunyaan isaanii hin taaneef, lafa gammoojji'iitii fi gaaratti; kosha'aa fi boolla lafaatitti asii fi achi rarra'an. Wonti kunniin maruu amantii isaaniitiin isaanii ragameefii uduu jiru dubbii abdi'ii ka isaanii kenname hin arganne. Rabbi waan caalu waan nuun qopheesseeruuf, isaan nu woliin malee, hojja ufii guutuu ta'uu hin danda'an. Eeganaa raattota hagana gayan naannaya kenna eega nuu jiraatan nullee akkasuma ba'aa maraa, cubbuu daddafee nu marsu balleessinee, Yesuusii mataa amantii keennaatii fi raawwataa ta'e laala'aa, fiigicha afoo keenna jiru obsaan haa fiinnuu. Inni salphinna tuffatee gammachuu afoo isaa jiruuf fannoo irratti obsee teessoo mirga Rabbii waan taa'eeruuf. Lubbuu keessaniin hifattanii akka hin dadhabne, Yesuusiin mormii cubbamtoota irraa isa gaye obse san qaabadhaa'a. Cubbuu woliin wondhaansa baya'aa haga dhiinni keessan jigutti hin falmanne. Akka ijoolle'eellee isin woliin, «Ilma kiyya! adabbii Goofta'aa hin salphisin, hennaa inni si gorsu hin dadhabin; Gooftaan nama jaalatu adaba, finna akka ilma ufiititti fudhatu maraa, hin tuma» jedhee gorsa dubbatu irraanfattaniirtan; adabamu'uuf obsaa'a. Rabbi akka ijoollee ufiititti waan isin laaluuf ilmi abbaan hin adabne eennu? Haa ta'uu ammo isaan maruu isaan woliin adabamaniiran, adabbii malee yoo jiraattan isin diqaala'a malee ijoolle'ee miti yookaan ilmaanii miti. Nu abbootii hagana irra nu adaban qabna; isaanillee hin kabajjina. Eeganaa lubbu'uun jiraachu'uuf abbaa keenna ka Ayyaanaatii attamitti kana caalaa hin ajajamne? Isaan waan mishaa seeyanii hennaa diqqo'oof nu adaba'aa turan, Inni ammo woyyummaa isaa irraa akka qoodamnuuf faayidaa keennaaf jedhee nu adaba. Adabbiin maruu hennaa diqqo'oof waan nama gaddisiisu malee waan nama gammachiisu hin fakkaatu. Haa ta'uu ammo worra mi'eeffateef sanyii qajeellumma'aa ka nagaya uf keessaa qabu daraara. Kanaafuu irree keessan ka dadhabe, ka laafee fi jilba keessan jabeeffadhaa'a. Ka hokkole akka fayyuuf malee akka hin diiggamne, luka keessaniif karaa qajeelfadhaa'a. Namoota maraa woliin nagayaan jiraadhaa'a; Woyyoomuu barbaadaa'a. Isaan malee ka Gooftaa arguu danda'u waan hin jirreef. Eennuun jalaallee Ayyaanni Rabbii akka hin dhidhanne, hiddi hadhaayaan namoota hedduu batteessu isin keessaa ol margee akka isin hin rakkifne, Ka adaba hin qabne akka isin keessatti hin argamne; yookaan akka Eesawu nyaataaf jedhee hangafummaa ufii gurguratee nama adunyaa kanaaf tolu akka hin taane uf eeggadhaa'a. Achiin maayii hennaa eebba argachuu barbaade akka dhabe isinuu hin beettan. Hagamillee booyee Aagii soqe'eef hin arganne. Isin gara gaara Siina'aa ka harkaan qaqqabamuu yookaan ka ibiddaan gubatuu, gara hurri'ii, gara dukkanaa, gara bubbe'ee, gara hulee laagaa xurumba'aa yookaan gara laagaa dubbii himamuu hin dandeennee hin geenne. Worri waan san dhagaye akka dubbiin biraa isaanitti hin dubbatamne kadhatan. Ajanyi, «bineensoonnillee gaara san yoo tuqan dhaga'aan tumamanii haa ajjeefamanii» jedhu, waan isaanitti ulfaateef obsuu hin dandeenne. Wonti achitti dhagayame akka malee waan sodaachisuuf Muuseenillee, «Ani sodaadhee holladhe» jedhe. Haa ta'uu ammo gara gaara Tsiyooniitii fi gara ganda Rabbii jiraata'aa bira geettaniirtan. Gara Yerusaalemii, gara worra sami'itti gammachu'uun wol gayaniiranii, gara Maleekkota laakkobsaa olii, gara worra sami'itti maqaan isaanii barreeffamee, gara tokkummaa hangafa abbaa murti'ii maraatuu ka ta'u, gara Rabbii, gara lubbuu qajeellota guutu'uu, gara Yesuusii jiddu galeessa waadaa haarawaa, gara dhiiga facaafamuu ka dhiiga Aabeelii caalaa dubbatuu danda'uu bira geettaniirtan. Ka dubbata'aaru san jalaa akka hin dinne uf eeggadhaa'a. Yoo worri lafatti itti himame didan jalaa hin baane ta'e, eegasuu ka sami'ii nutti dubbate irraa yoo fagaanne attamitti jalaa baana? Hennaa san laagaan isaa lafa sochoose. Amma ammo hennaa tokko deebi'ee, «Ani samii sochoosa malee, lafa calla'aa miti» jedhee waadaa galeera. Haa ta'uu ammo jechi, «Hennaa tokko deebi'ee» jedhu worri hin raaffamne jabaatanii akka jiraatan wonti sochoosu yookaan wonti uumame akka badu mudhisa. Kanaafuu jeennata hin raaffamne waan argannuuf, Rabbiin kabajju'uuf sodaatu'uun gammachiisa'aa, badhaadha isa ittiin waaqeffannu haa qabaannuu. Waandhi keenna dhugamaan ibidda balleessu waan ta'eef. Hennaa maraa jaalalli obbolumma'aa isin jidduu haa jiraatu. Keessummoota simachuu hin irraanfatinaa'a; akka kanaan gari gariin uduu hin beekin Maleekkota keessummummaa simataniiran. Akka waan isaan woliin hidhamtaniirtanii ta'a'aa worra hidhame yaadadhaa'a. Akka waan isaan woliin rakkattanii jiraata'aartaniititti worra rakkataniillee yaadaa'a! Wol fuudhuun maraa biratti ulfinna; sireenillee qulqulluu haa ta'u. Worra adaba hin qabnee fi seebartoota ammo Rabbi isaanitti murteessa. Jaalala birri'ii irraa uf eegaa'a. Wontummaan qabdan isin haa gayu. Inninuu, «Si hin dhiisu, sirima si hin gatu» waan jedheef. Ugginee, «Gooftaan na gargaara, hin sodaadhu; namni maal na godha?» jenna. Worra ijoo dubbii Rabbii isinitti himan yaadadhaa'a. Waan jireenna isaanii keessatti argame laalaa'a; amanti'iin isaan fakkaadhaa'a. Yesuus Kiristoos kaleessa, adhaa haga bara baraa sanuma. Barumsa adda addaa haarawa hin beekkamneen hin fudhataminaa'a. Onneen teessan yoo waan badhaadha Rabbiitiin jabaatte misha'a malee nyaataanii miti. Worri waan kana hordofan waan hin fayyadamneef. Nu hulee ciincaa itti ciinceeffannu hin qabna. Haa ta'uu ammo Worri daasee Yihuudotaa keessa tajaajilu, hulee ciincaan itti ciinceeffamu irraa nyaatuun dhoogga'a. Hayyichi gadootaa ka waan cubbu'uutiif dhiiga hori'ii qabatee gara hulee maraa caalaa woyyitti'ii seena. Foon horii sanniinii ganda sanii baasanii guban. Kanaaf Yesuus ammo dhiiga ufiitiin banii qulqulleessu'uuf karra qachatti'iitiin alatti rakkate. Eegasuu nullee salphinna inni baadhate san baadhannee qacha'aan ala gara isaa haa dhandhuu. Nu'u qachaa biraa guddittii ta bara baraa san eegganna malee, qachaa biraa asii hin qabnu. Eeganaa hennaa maraa Rabbii ciincaa galataa jechuun woreega galataa ka afaan keennaa maqaa isaatii ragaa haa dhiyeessinuufii. Haa ta'uu ammo waan mishaa godhuu, kaawwaniillee qooduu hin irraanfatinaa'a. Ciincaan akkanaa waan Rabbiin gammachiisuuf. Worra isin bulchuu ajajamaa'a. Isaan baallii Rabbiin biratti itti gaafataman waan qabaniif jabaatanii isin eeganii. Yoo isin isaanii ajajamtan, isaan waan kana gammachu'uun hojjatan; Yoo ta'uu dhabaate gadda'aa hojjatan. Kun ammo isiniif misha'aa miti. Rabbiin nuuf kadhadhaa'a; waan maraanuu waan mishaa huju'uuf hawwii waan qabnuuf yaada qulqulluu akka qabnu hubanneerra. Keessattuu akka dafee gara keessan dhufu akka Rabbiin kadhattan jabeessee isinii kadhadha. Ka dhiiga waadaa bara baraatiin tissee guddaa hoolotaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin ka worra du'an keessaa isa kaase Waandhi nagayaa, karaa Yesuus Kiristoosiitiin afoo ufiititti waan isa gammachiisu isin keessatti raawwata'aa akka isin fedha isaa mishaa mara gootaniif guutuu isin haa taasisuu. Isaaf baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin. Obboleeyyan tiyya! Dubbii gorsaa akka obsitan isin gorsa; dubbii diqqoo tana isinii barreesseera. Obboleessi keenna Ximootewoos akka mana hidha'aatii hiikkame beekaa'a. Yoo inni dafee dhufe isa woliin dhufee isin arga. Worra isin bulchan maraa fi woyyoota maratti nagaya naa himaa'a. Worri Ixaaliyaa keessa jiran nagaya isinii dhaamaniiran. Badhaani Rabbii isin maraa woliin haa ta'u! Amiin. Yaaqoobii garbicha Rabbiitii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii irraa, gosoota kudha lama worra bittinnooftaniif nageenni isiniif haa ta'u. Obboleeyyan tiyya! Amantii keessan ataabamuun obsa akka isinii ta'u beeka'aa. Ataabeen adda addaa yoo isin irra gaye, akka gammachuu guutu'uutitti laakkayaa'a. Isin worra ciniinnattan, worra obsi keessan bilchaatee fi worra guutuu ta'e, worra dhidhinna hin qabne akka taatan isin taasisa. Isin keessaa namni ogummaa hin qabne, uduu hin komatin Rabbii arjumma'aan maraafuu kennu haa kadhatuu. Isaa hin kennamaa. Isin keessaa eennullee womaa uduu hin mamne amanti'iin haa kadhatuu. Namni shakku nama bubbee dambalii galaanaatiin dhiibamee socho'u fakkaata. Namni yaada lamaa qabu, ka karaa isaa marattuu dhaaba hin qabne, Namni sun Gooftaa biraa waan tokkollee waan argatu isatti hin fakkaatin. Obboleessi gad uf qabu ammo waan Rabbi ol isa qabuuf haa boonuu. Dureessi yoo gad uf qabe haa boonuu; Qabeennillee akka daraaraa margaa waan lufuuf. Aduun oo'a woliin baati. Marga hin quursiti, daraaraan hin harca'a. Bareenni bifa isaallee hin bada. Akkasuma dureessillee jireennaaf uduu huji'iif raantayu bada. Namni ataabee keessatti ciniinnatu eebbifama'a. Inni hennaa ataabameen maayessa gatii jireennaa yookaan badhaasa Rabbi worra isa jaalatuuf waadaa gale san hin argata. Eennullee hennaa ataabame, «Rabbiin ataabame» hin jedhin; Rabbi hamtu'uun waan nama hin ataabneef, Inni ufiif eennuunillee hin ataabu. Haa ta'uu ammo namni hawwii ufiitiin yoo harkifamee fi sobame hin ataabama. Achiin maayessa dharraan yoo ulfoofte, cubbuu dhalti. Cubbuun sun haga guddatteen maayii du'a dhalti. Obboleeyyan jaalatamtoota! hin sobaminaa'a. Kennaan mishaan, eebbii guutuun maruu olii dhufa. Kennaan mishaan, kennaan mudaa hin qabne cuftinuu abbaa ifaa akka gaaddidduu hin jijjiiramne san biraa gubba'aa gad bu'a. Nu uumama maraaf hangafa akka taanu dubbii dhuga'aatiin yaadee nu uume. Kanaafuu obboleeyyan jaalatamtan, namni maruu dhagayu'uuf ariifataa'a, dubbatu'uuf suuta, worra aari'iifillee hin ariifanne ta'aa'a. Aariin namaa qajeellummaa Rabbii hin hojjatu. Kanaafuu battummaa maraaf hammeenna baay'ee uf keessaa balleessa'aatii dubbii Rabbii ka keessa keessanitti dhaabamee lubbuu keessan fayyisuu danda'u fayyaalumma'aan fudhadhaa'a. Worra dubbii Rabbii raawwattan ta'aa malee worra uf dogoggorsa'aa dubbii callaa dhageettan hin ta'inaa'a. Ka dubbii Rabbii dhagayee hujii irra hin oolchine yoo jiraate, nama fuula ufii uf arga'aan laallatu fakkaata. Inni fuula ufii argee hin deema. Yoma san fuulli isaa maal akka fakkaatu hin irraanfata. Haa ta'uu ammo seera wolaba isa baasu laalee huji'itti jabaatee ka hojjatu malee, dhagayee ka hin irraanfanne yoo ta'e huji'iin ka eebbifame ta'a. Namni arraba ufii uduu hin eenne onnee ufiitiin dogoggora'aa waan Rabbiin waaqeffatu fakkaatu eennullee yoo jiraate, waaqeffannaan isaa duwwa'a. Waaqeffannaan qulqulluu ta'e, Rabbii Abbaa biratti ka mudaa hin qabne kana. Ijoollee abba'aa haadha hin qabnee fi dubartoota abbaan manaa irraa du'e gargaara'aa hamaa biyya lafaa irraa uf eeggachu'u. Obboleeyyan tiyya! Waan amantii kabajjamaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii qabattaniif, fuula namaa laala'aa wol hin caalchisinaa'a. Namni uffata bareedaa uffatee, qubee worqi'ii godhatee, wol gayii keessan yoo seenee fi hiyyeessi uffata xurii uffate ammo yoo seene, Ka uffata bareedaa uffate laaltanii, «Ati hulee mishaa kana taa'i» yoo jettaniin; hiyyeessa uffata xuri'ii saniin ammo, «Ati achi dhaabadhu yookaan luka kiyya jala taa'i» yoo jettaniin, Ufii wol qooda'aartanii mii? Abboota seeraa ka yaada hamaa qaban ta'uu keessanii mii? Obboleeyyan jaalatamtoota dhagayaa'a! Rabbi akka amanti'iin dureeyyii ta'anii fi akka isaan jeennata inni worra isa jaalataniif waadaa gale san galaniif hiyyeeyyii adunyaa tanaa filateeraa mii? Isin ammo hiyyeeyyii salphiftan; Dureeyyiin worra isin dhiphisuu mii? Worri gara mana murti'ii isin harkisan isaanii mii? Worri maqaa mishaa ittiin waamamtan arabsan isaanii mii? Akkuma kitaabni woyyuun, «Hiriyyaa kee akka uf jaalattutti jaaladhu» jedhu seera mooti'iillee yoo raawwattan waan mishaa gootan. Afoo namaatitti ammo yoo ka nama wol caalchiftanii, cubbuu hojjata'aartan. Seerrillee akka nama yakkamaa tokkootitti isinitti murteessa. Namni seera maraa eegee tokko yoo cabse eennullee yoo jiraate maraanuu yakkamaa ta'a. Ka «hin seebarin» jedhe akkasuma «hin ajjeessin» jedheera. Uduu hin seebarrellee deebiftee yoo nama ajjeefte seera irra darbiteerta. Akka worra seera wolabummaa kennu afo'otti dhiyaattanii murtii argattanitti dubbadhaa'a; hojjadhalle'e. Ka namaan hin araaramne, murtii araara hin qabnetu isa eeggata. Araarri murtii injifata. Obboleeyyan tiyya! «Amantii qaba» jedhee garuu namni huji'iin hin mudhifne yoo jiraate bu'aa maal isaa qabaa? Amantiin isa fayyisuu danda'aa? Namni tokko isin keessaa obboleessaa fi obboleettii waan nyaatanii fi waan uffatan dhabaniin, «nagayaan deemaa'a; quufaa ibidda oo'ifadhaa'a! quufaa'a!» uduu isaaniin jettanii waan nafa isaaniitiif barbaachisu yoo hin kennineef bu'aa maal isaanii qaba? Eegasuu amantiin huji'iin hin mudhanne yoo jiraatte amantiin sun ta duute. Haa ta'uu ammo namni tokko, «Ati amantii qabda; anillee hujii qaba» yoo jedhe, «Amantii kee huji'iin adda baasii natti mudhis; ani amantii kiyya huji'iin si mudhisa» jedha. Rabbi akka tokko ta'e ati hin amanta. Waan mishaa garuu jinniinillee akkasuma hin amana; hin sodaata. Ati nama gowwaa'a! amantii huji'iin addaan baye ka du'e akka ta'e beekuu feetaa? Abbaan keenna Abrahaam ilma ufii Yisaaqiin hennaa ciinca'aaf dhiyeesse huji'iin qajeelaa hin taanee? Amantiin hujii woliin akka wol gargaara'aa ture, amanti'iin hujiin akka raawwatame argitaa? Kitaabni, «Abrahaamillee Rabbitti amanee qajeellummaa ta'ee laakkayameef» ka jedhe raawwatamee jaalallo Rabbii jedhame. Namni amantii calla'aan uduu hin taane huji'iin akka qajeelaa ta'e argitaniirtan. Akkasuma seebartuun Ra'aab ammo ergamtoota simattee karaa biraatiin hennaa ergite, huji'iin qajeeltuu hin taanee? Akkuma foon lubbuu irraa baye ka du'e ta'e, akkasuma ammo amantiin huji'iin adda fooyame ka du'e. Obboleeyyan tiyya! Marti keessan barsiisota hin ta'inaa'a. Worri akkasii murtii caalu akka argatu waan beettaniif. Nu martinuu waan hedduun hin dogoggorra; namni waan ufii dubbatuun hin dogoggorre, inni nama nafa ufii tooyatuu danda'uu fi nama guutu'u. Akka faradoon nuu ajajamtuuf lugaama afaan isaaniititti goonee gara feene geessina. Akkasuma markaboonni hagamillee guddaa ta'anii, qilleensaan yoo oofamanillee namichi markaba oofu ooftuu markabaa diqqo'oon gara ufii fedhe oofa. Akkasuma arrabni waan diqqoo ta'ee uduu jiru waan gudda'atti dhaadata. Ibiddi diqqoon bosona guddaa attamii gubdi. Arrabni ibidda; arrabni qaama nafaa jiddu'utti adunyaa hamtu'u; qaama nafaallee hin batteessiti; foon maraa hin xureessiti; deemsa jireenna keennaa maraa hin gubdi; Ibidda asaabaatittillee hin gubatti. Busaayaa, simbirroonni, worri sosocho'anii fi worra galaana keessa jiraatan, gosoonni uumamaa maruu namaan leenji'aman. Haa ta'uu ammo eennullee arraba ufii leenjisuu hin danda'u. Hadhaa nama ajjeesuun guutamee fi hamaa gara hin qabne. Isumaan Aabba'aa fi Gooftaallee eebbifna; Isumaan namoota fakkeenna Rabbiitiin uumamanillee abaarra. Afaanuma tokko keessaa eebbinii fi abaarsi baya. Obboleeyyan tiyya! kun garuu ta'uun hin barbaachisu. Burqaan tokko bisaan mi'aayuu fi bisaan hadhaayu hin burqisiisaa? Obboleeyyan tiyya! munni hurbu'uu ejersa yookaan woyiniin hurbuu daraaruu hin dandeettii? Bisaan sooqiddaa keessaa bisaan mi'aayaan hin bayu. Isin keessaa ogeessinii fi hubataan eennu? Jireenni mishaan ogumma'aa fi fayyaalumma'aan hujii ufii haa mudhisuu. Hadhaan hinaaffa'aa fi wol qooduun garaa keessan keessa yoo jiraate, kanaan uf hin jajinaa'a. Dhugaa malee soba hin dubbatinaa'a. Ogummaan akkasii sun ka lafaati, ka fooniiti, ka seexanaati malee ka samii irraa dhufuu miti. Bakka hinaaffa'aa fi uf jaalachuun jiru san booreessa'aa fi hujiin hamaan waan jiruuf. Ogummaan Rabbiin irraa ammo woyyitti'i; araaramtu'u. Gara laafetti'i; ta maarre jettu; ta araaraa fi daraaraa misha'aan guuttamte; ta mami'ii fi uf tuuluullee hin qabne. Daraaraan qajeellumma'aa namoota nagaya buusaniin facaafama. Woranninii fi lolli eessaa isin bira dhufan? woraana halcha qaama keessan woraanu irraa mii? Hin hawwitan, garuu isinii hin ta'u; hin ajjeeftan, jabeessitaniillee hin barbaaddan, garuu argachuu hin dandeettan; wol loltan, wol worantanille'e. Isin waan argattan san hawwii foon keessanii guuttachu'uuf jettanii dharaan waan kadhattaniif hin argattan. Seebartoota adunya'aa jaalachuun Rabbiin wol loluu akka ta'e hin beettanii? Eegasuu ka biyya lafaatiin goshoo ta'uu fedhu maruu diina Rabbii ta'eera. Namni jaalalloo adunya'aa ta'u maruu diina Rabbii ta'eera. Moo ka kitaabni, «Hafuurri nu keessaa hinaaffa'aan hawwa» jedhu sun waan akkanumaan dubbate seetanii? Haa ta'uu ammo badhaadhummaa caalu kenna. Waan akkanumaan dubbate seetanii? Badhaadha guddisee kenna; kanaafuu Rabbi worra uf jajuun hin morma; worra kaso'oo ammo badhaadha kenna. Eegasuu Rabbiif ajajamaa'a; daabiloosiin mormaa'a; innillee isin irraa dheessaa. Gara Rabbii dhiyaadhaa'a, innillee gara keessan dhiyaataa. Isin cubbamtoota harka keessan qulqulleessaa'a. Isinillee worri yaada lama qabdan garaa keessan qulqulleessaa'a Cinqamaa'a, gaddaa'a, booyaa'a kolfi keessan gara gaddaa, gammachuun keessanillee gara gaddaa haa jijjiiramuu. Gooftaa afo'otti mataa keessan gad uf qabaa'a. Innillee ol isin qabaa. Obboleeyyan tiyya! Wol hin hamatinaa'a! Ka obboleessa ufii hamatuu fi ka obboleessa ufiititti murteessu seera hamata. Seerattillee hin murteessa. Yoo seeratti murteessite, ati murteessa'a malee nama seera hujii irra oolchuu miti. Ka seera kennuu fi ka murteessu tokko. Innillee ka fayyisu'uuf ka balleessuu danda'u. Ati eennu ka nama biraatitti murteessitu? Ammallee worri, «Adha yookaan boru gara qachaa sanii deemnee woggaa tokko achi jiraanna. Daldalannee bu'aa buufanna» jettan, as laalaa'a! Isin waan boru ta'u waan hin beenneef, jiruun keessan maali'i? Isin akka hurrii hennaa diqqoo mudhatee baduuti. Bikka san, «Yoo Gooftaan jedhee fi yoo jiraanne, kana yookaan san goona» jechuu barbaachisa. Amma ammo isin boontanii uf jajjan. Uf jajuun akkasii martinuu hama'a. Eegasuu nama waan mishaa beeka'aa hin gooneef cubbu'u. Ammallee isin dureeyyiin! rakkinna isin irra gayuuf ani bade! ani bade! jedha'aa booyaa'a. Qabeenni keessan badeera; uffanni keessan xiinxana'aan nyaattameera. Worqi'ii fi meetiin keessan dammeessayeera. Dammeessayuun sunillee ragaa isinitti ta'a. Foon nafa keessanii akka ibiddaatitti nyaata. Isin bara dhumaa qabeenna wolitti qabattaniirtan. Mindaan isin worra midhaan keessan haaman dhooggattan sun hin iyya; iyyi worra midhaan keessan haamanii gurra Gooftaa banii maraa seeneera. Isin lafa irratti qanani'ii fi gammachu'uun jiraattaniirtan; seebaruu keessa jiraattan. Guyyaa qalamtaniif uf gabbiftaniirtan. Isin nama qajeelaa isin hin morminetti murteessitanii ajjeeftaniirtan. Eegasuu obboleeyyan tiyya! haga Gooftaan dhufuuf obsaa'a. Qonnaan bulaan haga rooba duraatii fi ka maayessaa argatuuf obsa'aa daraaraa lafaa kabajjamaa eeggata. Isinillee akkasuma obsaa'a! guyyaan dhufa Goofta'aa waan dhiyaateeruuf jabaadha'aa dhaabadhaa'a. Obboleeyyan tiyya! Akka isinitti hin murtoofneef wolitti hin gururi'inaa'a! Kunoo abbaan murti'ii balbala afoo dhaabateera. Obboleeyyan tiyya! raattota maqaa Goofta'aatiin dubbatanii turan san akka fakkeenna rakkinna obsu'uutitti laalaa'a! Worra obsaan dhaabatan «eebbifamtoota» isaaniin jenna. Iyyoob obsee akka Gooftaan raawwateef dhageettanii argitaniirtan; sababnillee waan Gooftaan araarama'aa fi gara laafessa ta'eef. Obboleeyyan tiyya! waa maraa dura ardi'ii fi sami'iin waan biraatiinillee yoo ta'e womaanuu hin kakatinaa'a! Haa ta'uu ammo akka murtii jalatti hin kufne dubbiin keessan yoo ee ta'e, «Ee» jedhaa'a; yoo wa'aa ta'e, «Wa'a» jedhaa'a. Isin keessaa namni rakkoon irra gaye eennullee yoo jiraate inni haa kadhatuu. Ka gammade eennullee yoo jiraate inni haa faarsuu. Isin keessaa ka dhukkubsate eennullee yoo jiraate, bulchitoota Woldaa Kiristaanaa gara ufii haa waamatuu; maqaa Goofta'aatiin sayitii ibsanii haa kadhataniifii. Kadhaan amanti'ii dhibamaa san hin fayyisa; Gooftaanillee hin kaasaan; yoo cubbuullee hujee jiraate hin dhiifamaaf. Cubbuu keessan wolitti himadhaa'a; akka fayyitaniifillee tokko ka biraatii haa kadhatuu. Faateen nama qajeela'aa hunna waan qabduuf waan guddaa gooti. Eliyaas namuma akka keennaa ture, akka Roobni hin roobne jabeessee Rabbiin kadhate. Biyya lafaa irratti woggaa sadihii fi ji'a jahaa hin roobne. Ammallee deebi'ee Rabbiin kadhannaan roobni roobe. Laftillee daraaraa baafte. Obboleeyyan tiyya! Isin keessaa eennullee yoo dhugaa irraa gore, namni biraa gara dhuga'aa yoo isa deebise, Nama cubbamaa san cubbuu irraa waan deebiseef, lubbuun cubbamaa sanii cubbuu jalaa hin fayyiti, cubbuu hedduufillee akka inni araara argatu akka godhe haa beekuu. Pheexroos ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e irraa, worra baqattoota worra biyya Pheenxoosii, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa, Isiya'aa fi Bitaaniyaa keessa facaatanii jiraattanii fi worra akka beekkumsa Rabbii Aabbaatiin beekkamtanii filatamtan, worra Yesuus Kiristoosii ajajamu'uuf dhiiga isaatiin biifamtanii qulqullaayu'uuf Ayyaana Woyyu'uun woyyoomtaniif; Ayyaanninii fi nageenni isinii haa guddatu. Du'oota keessaa ka'uu Yesuus Kiristoosiitiin abdii jiraata'aa fi hin banne ka ristii hin darbine xurii hin qabneef akka guddinna dhiifamsa ufiitiin Rabbi lammeessoo nu uumate Abbaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii haa eebbifamu. Ristiin kunillee isin worra bara dhumaa worra fayyinna hunna amantii Rabbii eeggattaniif samii isinii taa'a. Isinillee fayyummaa dhuma irratti isiniif mudhatu amanti'iin hunna Rabbiitiin eeggattan; Kanaan guddiftanii gammaddan. Haa ta'uu ammo worqii ibiddaan haga fedhe qoramee badu caalaa amantiin keessan kabajjamaan qorame hennaa Yesuus Kiristoos deebi'ee dhufu akka galata ulfinnaa fi jajamuu isinii ta'u amma ammo hennaa diqqo'oof qormaata gara garaatiin gadditaniirtan. Waan badhaadha isinii kennamuu raattonni raaga dubbatan waan fayyinna kanaa jabaatanii soqanii qoratan. Ayyaanni Kiristoosii ka isaan keessa jiru, waan rakkoo Kiristoosiitii fi Ulfinna isaan maayessa dhufu firrisee raga'aa, yoom yookaan bara attamii akka raawwatu qorata'aa turan. Isaan Ayyaana Woyyuu samii gubba'aa isaanii ergameen namoonni Dubbii Nagayaa isinitti himan amma waan isinitti himan kanaan isin tajaajilan malee, akka uf hin tajaajille isaanii ife. Waan kana Maleekkonninuu arguu hawwa'aa turan. Kanaafuu waan gootan marattuu qalbii teessan qopheessaa'a; worra uf qabdan ta'aa'a; hagatti jiraadhaa'a. Badhaadha Gooftaan Yesuus hennaa mudhatu isinii kennu san abdii godhadhaa'a. Akka fedha ijoollee hin ajajamnee, jireenna dura wollaalaan keessa jiraattan san hin hordofinaa'a. Rabbiin nama maraa wol hin caalchifnee fi nama maraa irratti akka hujii isaatiin itti muru, yoo ka «Aabbaa» jettanii waamtan ta'e, haga adunyaa tana irra keessummumma'aan jirtan, isa sodaata'aa jiraadhaa'a Dhuga'aaf ajajamma'aa jaalala obbolumma'aa ta uf tuulumma hin qabneen lubbuu teessan qulqulleessa'aa gara'aan jabeessa'aa wol jaaladhaa'a. Isin worri lammeessoo dhalattan fiixaa badu irraa miti. Dubbii Rabbii ka bara baraan jiraatuun fiixaa hin banne irraa dhalattan malee. Kanaaf Kitaabni Woyyuun «Worri foon uffatan maruu akka margaati; ulfinni isaa maruu akka daraaraa raasa'aati; margi hin goga; daraaraanillee hin harca'a; Dubbiin Goofta'aa ammo bara baraan jiraata. Dubbiin Nagayaa ka isinitti himamellee kana.» Eegasuu hammeenna, dhara, uf jajuu, hinaaffa'aa fi hamii mara uf keessaa balleessa'aatii, Gooftaan arjaa ta'uu isaa mi'eeffattanii yoo jiraattan akka gara fayyinnaa ittiin guddattan, akka daa'imman amma dhalattee aannan soxxuutitti dubbii Rabbii ka dhara hin qabne dharra'aa'a. Gara dhagaa jiraataa namaan jibbamee; ka Rabbiin biratti ammo kabajjamaa ta'ee filatameetitti dhiyaata'aa, Isinillee akkasuma akka dhagaa jiraata'aa taatanii Yesuus Kiristoosiin keessaa ciincaa Ayyaanaa ka Rabbiin gammachiisu dhiyeessu'uuf gadoota woyyuu akka taatan mana jireenna Ayyaanaa ta'u'uuf ijaaramaa'a. Kitaaba keessatti, «dhagaa bu'uura ijaarsaa filatama'aa fi ka gatii guddaa qabu Tsiyooniin keessa dhaaba. Namni isatti amanu tokkollee hin saalfatu» jedhamee barreeffameera. Eegasuu ulfinni isin worra amantaniif; worra hin amannee ammo, «Dhagaan ogeeyyiin mana ijaaran gatan sun, dhagaa bu'uura ijaarsaa, dhagaa guutu'uutii fi siidaa gufachiisaa ta'e» Isaan worra hin amanne waan ta'aniif dubbii isaatiin gufatan. Isaanillee worra kufaati'iif qophaayan. Isin ammo dukkana keessaa gara ifa isaa ka maalale'eetitti ka isin waame, dhaloota mishummaa isaa dubbatu'uuf filatame, gadicha mooti'ii, banii woyyu'uu fi gosa ristii isaatiif fooyame. Isin duraan banii isaatii miti; amma ammo banii Rabbii taataniirtan. Isin duraan worra araara argatee miti, amma ammo araara argattaniirtan. Goshoota tiyya! biyya lafaa ta akka ormaatii fi keessumma'aa taatanii irra jiraattan keessatti hawwii foonii ta lubbuu teessaniin wol lolu irraa akka fagaattan isin kadhadha. Worra hujii keessan mishaa arga'aa akka waan hamaa hojjattaniititti maqaa isin balleessan, guyyaa Rabbi banii ufii laalu'uuf dhufu akka Rabbiin kabajjan worra isin hamatan jiddu'utti jireenni keessan mishaa haa ta'uu. Goofta'aaf jedha'aatii worra baallii qabu maraafuu ajajamaa'a; mooti'iillee yoo ta'e baallii guddaa waan qabuuf, bulchaallee yoo ta'e worra hamaa hojjatan adabu'uuf worra waan mishaa hojjatan galatoonfachu'uuf mootii moototaa biraa waan ergamaniif isaanii ajajamaa'a. Waan mishaa huja'aa gowwoota waan faayidaa hin qabne hojjatan akka cadhisan taasisuun fedha Rabbii waan ta'eef. Akka worra bilisa bayeetitti Rabbiif garboota ta'a'aa jiraadhaa'a malee bilisummaan keessan sun waan badooma keessan ittiin dhoffattan akka ta'u hin godhinaa'a. Nama maraa kabajjaa'a, obboleewwan jaaladhaa'a, Rabbiin sodaadhaa'a, mootii kabajjaa'a. Garboota! Isinillee worra isin bulchan misha'aaf gara laafeyyii callaa uduu hin taane akkasuma worra hammeeyyi'iillee sodaa gudda'aan isaanii ajajamaa'a. Namni dharaan rakkoon irra gayu; Rabbiin yaadata'aa gadda ufii san yoo obse hin galatoonfama. Isin cubbuu hojjattanii gad qabamtanii yoo obsitan galata maal qabdan? Haa ta'uu ammo waan mishaa gootanii yoo rakkinna isin irra gaye obsitan waan kanaaf Rabbi isin eebbisa. Wonti waamamtaniif kana waan ta'eef akkasuma Kiristoosiin faanaa akka deemtaniif fakkeenna isinii ta'ee waan keessaniif waan rakkinni isa irra gayeef. Inni sirima cubbuu hin hojjanne; sobnillee afaan isaa keessa hin jiru. Hennaa isa arrabsan deebi'ee hin arrabsine, hennaa isa rakkisanillee inni namatti hin baananne. Waaqa qajeellumma'aan murtii kennutti dabarsee uf kenne malee. Cubbuu irraa duunee, qajeellumma'aaf akka jiraannu Kiristoos cubbuu keenna nafa ufiitiin fannoo irratti baadhate. Isin tumama madaa isaatiin fayyitaniirtan. Isin akka hoolota karaa irraa baddee taatanii turtan. Amma ammo gara tisse'ee fi eedduu lubbuu teessanii deebitaniirtan. Akkasuma isinillee haawwota manaa! Abboota manaa keessanii ajajamaa'a; akka kanaan gariin worra hin amannee fi worra dubbii Rabbiitii hin ajajame yoo ta'anillee sababaa jireenna haadha manaa ufiitiin booji'amanii dubbii Rabbiitii ajajamuu danda'anii. Isaanillee qulqullinnaa fi sodaa jireenna keessan keessatti Rabbiif qabdan arganii akkasuma godhan. Bareenni keessan waan gubbanaan mudhatu, mataa dhayachu'uun, worqii godhachu'uu fi uffata babbareedaa uffachu'uun hin ta'in. Haa ta'uu ammo Rabbiin afo'otti ka gatii guddaa qabu Ayyaana gara laafessaa fi lashii qabu ka hennaa maraa hin banne sun, namummaa keessan ka keessaa haa ta'uu. Dubartoonni woyyuun durii worri Rabbiin abdatan sun akkasuma abbaa manaa isaaniitii ajajamu'uun waan badhaafamaniiraniif. Akkasuma Saaraan Abrahaamiin, «Gooftaa kiyya» jettee waama'aa isaa ajajamte; isinillee ammo waan nama naasisu tokko uduu hin sodaanne waan mishaa yoo gootan ijoollee isi'iiti. Akkasuma isinillee Abboonni manaa! Uumama dadhabaa waan ta'aaniif haadha manaa teessanii beeka'aafii woliin jiraadhaa'a. Rabbiin kadhachuun keessan akka isin jalaa hin qabamne akkasuma akka worra jireenna Ayyaanaa dhaaluutitti isaan kabajjaa'a. Waa maraanuu isin martinuu yaadaan tokko ta'aa'a. Rakkoon nama biraa akka waan keessan ta'eetitti laakkayaa'a. Akka obboleewwaniititti wol jaaladhaa'a, gara laafeyyi'ii fi kasoo ta'aa'a. Hamaa hama'aan yookaan nama isin arrabse arrabaan hin deebisinaa'a; bikka san isaan eebbisaa'a; eebba dhaalu'uuf waan waamamtaniirtaniif. Akkuma Kitaabni Woyyuun jedhu, «Namni jireenna barbaaduu fi ka bara mishaa arguu fedhu, arraba ufii hamtuu dubbachuu irraa, hidhii ufiitiin dhara dubbachuu irraa uf haa eeguu. Inni hamaa irraa haa fagaatuu; waan mishaa haa hojjatuu, soqatee faanaa haa deemu, Ijji Goofta'aa gara worra qajeellotaa laalti; gurri isaallee kadhaa isaanii waan dhagayuuf; fuulli isaa ka aari'ii, gara worra waan hamaa hojjatuuti.» Waan mishaa godhu'uuf yoo hinaaftan, ka isin rakkisu eennu? Haa ta'uu ammo waan mishaa hojjata'aa yoo rakkoon isin irra gaye isin eebbifamtoota sodaachisaa isaanii hin sodaatinaa'a; hin raafaminalle'e. Haa ta'uu ammo Gooftaa keessan Kiristoosiin onnee keessan keessatti woyyoomsaa'a. Waan abdii keessanii worra isin gaafatu maraafuu deebii kennu'uuf hennaa maraa qophaayaa'a. Haa ta'uu ammo gara laafumma'aa fi soda'aan haa ta'u. Jireenna keessan mishaa isin Yesuus Kiristoosiin keessaan qabdan akka waan isin waan hamaa gootaniititti namoonni isin hamatan akka saalfatan isin yaada mishaa qabaadhaa'a. Fedhiin Rabbii eega akkana ta'e, hamaa hojjachu'uun rakkachu'uu mannaa mishaa gootanii rakkachuu woyya. Kiristoos akkasuma gara Rabbii nu dhiyeessu'uuf jedhe, inni qajeela'a; haa ta'uu ammo nu worra qajeellummaa hin qabneef sababa cubbuu keennaatiif du'eera. Ayyaanaan ammo jiraataa ta'e. Inni Ayyaanuma saniin deemee lubbuu mana hidha'aa keessa jiranitti Dubbii Nagayaa hime. Namoonni hagoon sun lubbuu nama saddeetii badii bisaanii ka hennaa Noohi markaba qopheesse badii jalaa bayan. Hennaa obsa Rabbii ka bara Noohii san kuuwwan ammo hin ajajamne. Bisaan kun fakkeenna cuupha'aa ta'ee amma nu fayyisa. Cuuphaan kunillee cuuphaa xurii nafaa dhiqachu'uu uduu hin taane waadaa namni yaada qulqullu'uun Rabbiin kadhatu. Kunillee du'aa ka'iinsa Yesuus Kiristoosiiti. Kiristoos amma gara sami'ii ol bayee mirga Aabba'aa taa'eera. Maleekkonni worri baallii qabaniif hunna qabeeyyiin martinuu baallii isaa jala jiran. Eegasuu ammaa achi bara jireenna keessanii ka lafa irraa akka hawwii foonii uduu hin ta'in akka fedhii Rabbiititti jiraadhaa'a. Isinillee akkasuma akka nama mi'a woraanaa hidhateetitti yaada kanaan jabaadhaa'a. Namni rakkinni irra gaye nafa ufiitiin cubbuu hojjachuu dhiiseera. Barri fedhii worra Yihuudota hin taanee gootan wol hoossu'uuf, hawwiin foonii machaayuu'u, sirbuu, akka malee dhuguu'u, hulee shinga'aatitti argamu'uu fi waaqolee tolfamaa waaqeffatuun barri akkasii sun isin gaya. Isaanillee waan isin isaan woliin hujii hamaa san hin hujjanneef isin maalalanii isin arrabsan. Isaan ammo waan godhan kanaaf Rabbii worra jiranii fi worra du'etti murteessu'uuf qophaaye afo'otti deebii kennan. Sababaan worra du'etti Dubbii Nagayaa himameef kanuma. Kunillee fooniin akka namaatitti isaanitti murama. Ayyaanaan ammo akka Rabbi jaalatutti jiraatan. Haa ta'uu ammo dhumti waa maraatuu dhiyaateera. Kanaafuu akka nama sammuu qabuutitti yaadaa'a. Akka Rabbiin kadhatuu dandeettan hagatti jiraadhaa'a; uf qabaa'a. Jaalalti cubbuu hedduu waan dhossituuf, waa maraa dura jabeessa'aa wol jaaladhaa'a. Guungummii tokko malee wol keessummeessaa'a. Akka tooyataa amanama'aa ka kennaa Rabbii ka adda addaa hujii irra oolchuu tokkootitti isin maruu kennaa Rabbiin irraa argattan kanaan wol tajaajilaa'a. Namni kamuu yoo dubbatu akka dubbii Rabbiititti haa dubbatuu. Ka tajaajilu, hunna Rabbi naa kenneen jedhee haa tajaajiluu. Ulfinnaa fi baalliin baraa haga bara baraatitti karaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiif haa ta'u! Amiin. Goshoota tiyya! Rakkinni isin jiddu'utti akka ibiddaa isin qoru'uuf ta'aaru, akka waan rakkinninii fi ajaa'ibni woyii isinitti dhufeetitti hin maalalfatinaa'a. Hennaa Kiristoos ulfinna ufiitiin mudhatu gammachuun keessan ammo guddaa akka ta'u worra rakkoo isaa qoodamtan waan taataniif gammadaa'a. Maqaa Kiristoosiitiin yoo tuffatamtan, Ayyaanni ulfinnaa, Ayyaanni Rabbii waan isin irratti harabaafatuuf isin worra eebbifame. Isin keessaa nama ajjeesu'uun, hatu'uun, nama irratti waan hamaa hojjachu'uun, waan isa hin galchine keessa galee hin rakkatin. Kiristaana ta'uu isaatiin yoo rakkoon isa irra gaye ammo Rabbiin haa galatoonfatuu malee hin saalfatin. Hennaan murtiin mana Rabbii keessaa jalqabu gayeera. Murtiin kun yoo ka nu irraa jalqabu ta'e, worri Dubbii Nagayaa ka Rabbiitii hin ajajamne dhumti isaanii attam ta'inna? Kitaabni woyyuun, «Namni qajeelaan yoo ka rakkinna keessatti fayyu ta'e, dhartichinii fi cubbamtichi attam ta'ee jiraata ree?» Kanaafuu akka fedhii Rabbiititti worri rakkinni irra gayu waan mishaa hojjata'aa lubbuu isaanii Rabbii amanama'atti yaboo haa kennatanii. Eegasuu ani akkuma isaanii manguddoonni woldaa Kiristaanaa ragaa baatuu rakkinna Kiristoosii, akkasuma ulfinna Kiristoosii ka mudhatu'uuf ta'u qoodamu, manguddoota isaan jidduu jiran maraa hin gorsa. Tika Rabbii ka Rabbi akka isin tissitan isinitti kenne eegaa'a, hunnaan uduu hin taane akka fedha Rabbiititti, jaalalaan bulchaa'a; giddi'iin hin bulchinaa'a. Dhara bada'aanii miti; fedha mishaa'an malee. Tooyadhaa'a; fakkeenna isaanii ta'aa'a malee, woldaa amantootaa hunnaan hin bulchinaa'a. Bulchaan tissee hoolotaa hennaa dhufe badhaasa ulfinnaa ka hin banne argattan. Kanaafuu ka'imman! Manguddootaa ajajamaa'a; marti keessanuu wol jaalachu'uun wol gargaara'aatii kasummaa akka uffataa uffadhaa'a. «Rabbi worra uf jaju hin morma; worra kaso'oo ammo badhaadha kenna» Kanaafuu Rabbi hennaa ufiititti akka ol isin qabu harka Rabbii hunna qabeessaa jalatti gad uf deebisaa'a. Inni waan keessan waan yaaduuf. Waan isin rakkisu maraa isa irratti dhiifadhaa'a. Diinni keessan daabiloos akka Leenca waan nyaatu soqa'aa asii achi naannaya'aa aaduu waan ta'eef, hagatti jiraadhaa'a, dammaqaa'a. Obboleeyyan keessan ka adunyaa kana irra jiran rakkinni akkanaa kun akka isaan irra gayu beekaa'a; amanti'iin cima'aa dhaabadhaa'a; daabiloosiin mormaa'a. Waandhi karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara badhaadha ulfinna maraa isin waame hennaa diqqoo haga rakkinni isin irra gayeen maayessa inninuu guutuu isin taasisa; isin dhaaba; isin jajjabeessa. Isaaf ulfinninii fi hunni baraa haga bara baraa haa ta'u! Amiin. Silwaanosii akka obboleessa amanama'aatitti laakkayu irraan dhaamsa gabaabaa kana isinii barreesseera; wonti isinii barreesseef isin gorsu'uuf; kun baadhaadha Rabbii ka dhuga'aa ta'uu isinii ragu'uuf jedheeti; badhaadha kanaan jabaadha'aa dhaabadhaa'a. Woldeenni Kiristaanaa ta Baabilooniin keessatti filatamteertuuf ilmi kiyya Maarqoosillee nagaya isinii dhaamaniiran. Jaalala Kiristaanumma'aa ta dhuga'aatiin wol dhungata'aa nagaya wol gaafadhaa'a. Nageenni worra Kiristoosiin keessa jiranii fi isiniillee haa ta'u! Amiin. Ana Simoon Pheexroos ka ergama'aa fi garbicha Yesuus Kiristoosii ta'e irraa, worra karaa qajeellummaa Waaqa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoositti amananiif; Rabbii fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin beeku'uun badhaaninii fi nageenni isiniif haa ta'u. Waan jireennaatii fi Ayyaantummaa dhuga'aa nu barbaachisu maraa hunna Waaqummaa ufiitiin nuu kenneera. Waan hawwii badumma'aa badii adunyaa tanaa jalaa baatanii worra amala Rabbii qoodamu dubbii abdi'ii keessa akka taatan, abdii gudda'aa fi kabajjamaa kanniin nuu kenne. Sababaa kanaaf jajjabeenna mara mudhisa'aa amantii keessan irratti mishummaa eda'aa'a. Mishummaa irratti beekkumsa, beekkumsa irratti uf qabuu, uf qabuu irratti gad dhaabachuu, gad dhaabachuu irratti nama Rabbii fakkaachuu. Nama Rabbii fakkaachuu irratti obboleewwanii yaaduu, obboleewwanii yaaduu irrattillee jaalala eda'aa'a. Yoo wonti kunniin isinii guddisee baay'ate beekkumsa Gooftaa Yesuus Kiristoosiin worra hujii hin qabnee fi worra daraaraa jireennaa hin qabne akka hin taane isin taasisa. Worri waan kanniin hin qabne jaamoota; worra waan dhiyoo jiru callaa argu. Cubbuu dura irraa qulqullaaye san irraanfateera. Kanaafuu obboleeyyan tiyya! waamamuu keessanii fi filamuu keessan akka jabeessitan ka duraa caalaa jabaadhaa'a. Waan kanniin yoo gootan horomaa hin gufattan. Akkasuma gara jireenna bara baraa, gara Gooftaa keennaa fi gara jeennata fayyisaa keennaa Yesuus Kiristoosii galu'uuf mirga guutu'utu isinii kennama. Kanaafuu waan kanniin hagamillee yoo beettan, dhugaa isin bira jirtuun hagamillee yoo dhaabattan waan kanniinii hennaa maraa isin qaabsisuu hin dhiisu. Ani haga jiruu keessummumma'aa kana keessa jiru yaada keessan kakkaasuun waan ta'u natti fakkaata. Akka Gooftaa keenna Yesuus Kiristoos natti mudhisetti jiruu lafa kanaa irraa dafee akka deemu hin beeka. Ani deemullee waan kana maraa akka isin hennaa maraa qaabattan godhu'uuf tattaafadha. Hunnaa fi dhufa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ka isinitti beessifne, gaachena isaa argineeti malee oduu ogummaa namaatiin uumameetiinii miti. Hennaa laagaan ulfinnaa teessoo isaa irraa, «Ilmi ani jaaladhu, ka itti gammadu kana» jechi jedhu dhufe, Rabbii Abbaa irraa ulfinnaa fi galata argateera. Nullee hennaa gaara qulqulluu irratti isa woliin turre, laagaan kun hennaa sami'ii dhufu dhageenneerra. Kanaafuu dubbii raattotaan dubbatame caalaa nuu mirkanaayeera. Isinillee haga lafti bariite bakkalchi bariisa'aa garaa keessan keessatti haga bayutti akka namni ibsaa hulee dukkanaatitti ibsu uf eegutti dubbii kanaa uf eegaa'a. Waan mishaa gootan, dura kana beekaa'a. Dubbii raagaa ka kitaaba keessatti barreeffame maraa eennullee akka ufii fedhetti hiikuun isaa hin kennamne. Raanni sirima fedha namaatiin waan hin dhufneef. Sababaanillee waan namoonni Rabbii Woyyuun Ayyaana Rabbii Woyyu'uun gargaaramanii dubbataniif. Akkuma raattonni sobaa armaan dura banii jidduu turan, akkasuma ammallee barsiisonni sobaa isin jidduu jiran. Isaan Gooftaa isaan fayyise gananii ariiti'iin badii barumsa sobaa amantoota keessa seensisan. Hedduun isaanii waan nama saalfachiisu waan godhaniif isaan faanaa deeman. Sababaa isaaniitiif karaan dhuga'aa arrabama. Barsiisonni dharaa kunniin dharraa birri'iitiif ufumaa mammaaka dubbata'aa isin irraa nyaatan; murtiin isaanii dur irraa jalqabee hin turu; badiin isaan eeggata. Rabbi Maleekkota cubbuu hojjatan uduu garaa isaanii hin laafne boolla dukkanaayaa keessatti akka murtii eeggatan dabarsee eega kenne, durillee adunyaa tanaa uduu garaa hin laafne Noohiin qajeellummaa lallabu'uuf namoota torban hambisee adunyaa cubbittii irratti bisaan badi'ii yoo roobe, fakkeenna worra cubbuu hojjatu'uuf ta'anii godhee qachoota Soodoomii fi Gomoora'aa haga isaan daaraa ta'anitti gubee jissee yoo isaanitti murteesse, Maleekkonni Rabbii barsiisota dharaa kanniin caalaa hunnaa fi baallii yoo qabaatanillee afoo Goofta'aatitti dubbii arrabaatiin hin himatamne. Namoonni kun ammo waan ufii hubatuu dadhabanii arrabsan; isaan akka bineensa bosonaa ka qalbii hin qabnee ka miira isaaniitiin badaniititti isaanillee balleessaa ufiitiin badan. Isaan guyyamaan fedha ufii guuttachu'uuf waan fedhan godha'aa gammadan. Hennaa nyaataaf isin woliin waamaman isinuma jiddu'utti waan batti'ii fi fafa hojjatan. Isaan hennaa maraa halcha hama'aa fi ija cubbuu hujuu irraa hin deebine qaban; namoota amanti'iin jabaatanii hin dhaabanne dogoggorsan; qalbii fedha bada'aan guuttamte qaban; isaan worra abaarame. Karaa qajeelaa dhiisanii dogoggoran. Karaa Bala'aamii ilma Baasooriitiin deeman; inni mindaa hammeennaa jaalate. Haa ta'uu ammo waan cubbuu isaatiif teedeffatame harreen dubbatuu hin dandeenne afaan namaa dubbattee raatticha maraatuu oolchite. Worri akkanaa kunniin akka burqaa bisaan gogeetii fi duumessa bubbe'een oofamuuti. Dukkana jaamaa akka male'eetitu isaan eeggata. Isaan dubbii gara hin qabnee fi dubbii fedha foonii waan odeessaniif worra jireenna dogoggoraa keessa turanii reefuu baqatanii dhufan siiboo sobaa uf keessa galfatan. Uduu ufiiyyuu garbummaa badi'ii jala jiran, worra kaaniin ammo «bilisa baatan» jedha'aa abdii kennaniif; namni waan isa injifate maraafuu garbicha. Beekkumsa qoricha keenna Yesuus Kiristoosiitiin haga battummaa adunya'aa jalaa bayaniin maayessa deebi'anii qabamanii yoo mooyataman jireenna duraa irra ka maayessaa isaanitti hammaata. Karaa qajeelaa haga beekaniin maayessa ajaja woyyicha isaanii kenname san irraa duubatti deebi'uu uduu dhabaatanii isaanii woyya. Kunillee akkuma mammaanni, «Sareen diddiga ufiititti deebiti» akkasuma, «Booyyeen dhiqamtee deebitee dhoqqe'etti gangalatti» jedhu sun isaan irratti ta'e. Goshoota tiyya! Ergaan amma isinii barreessu tun ta lammeesso'ooti. Dubbiin raattota woyyu'uun dura jedhamee ajaja Goofta'aaf qoricha keennaa akka yaadattaniif waan lamaan kana isin qaabsisa'aa onnee teessan qajeeltuu jajjabeessa. Bara dhumaa worri fedhii ufiitiin jiraatanii fi worri baldan akka dhufan hubadhaa'a. Isaan, «Waadaan dhufa isaa meeti ree? wonti maruu hennaa abbootiin teenna du'anii jalqabee akkuma uumamanitti jiran» jedhan. Isaan samiiwwan bara hedduun dura dubbii Rabbiitiin uumaman, akka laftillee bisaaniin wolitti qabatteef bisaan edduu jirtu beekanii hin hubanne. Sababa kanaaf adunyaan hennaa san jirtu bisaaniin liqimfamtee badde. Ardi'ii fi samiin amma jirtu tun ammo akka ibiddaan badduuf haga guyyaan murti'iitii fi badiin worra Rabbitti hin amannee geettu akka dubbii kanaatiin ibidda eeggatan. Isin ammo jaalatamtoota tiyya! Gooftaa biratti guyyaan tokko akka woggaa kumaati. Woggaan kumaa akka guyyaa tokkoo akka ta'e waan kana hin dagatinaa'a. Akka namoonni gariin waan turu seeyan Gooftaan waan waadaa gale saniif hin turu. Haa ta'uu ammo namni maruu akka aagii galuuf malee, eennullee akka hin banneef jedhee waan keessaniif obsa. Guyyaan Goofta'aa ammo akka hattu'uu ta'ee dimmaa dhufa. Guyyaa san samiiwwan laagaa guddaa dhageessisa'aa lufan, uumamni samii keessaa oo'a gudda'aan baqan. Lafaa fi wonti isii irra jiru maruu hin gubata. Kun maruu yoo ka akkanatti baqee badu ta'e, isin attamitti jiraachuu isinii woyya ree? guyyaa gaafa dhufa Rabbii eeggata'aa dhufa isaa ariifachiisa'aa, jireenna woyyu'uun namoota Rabbii fakkaata'aa jiraadhaa'a; guyyaa san samiin gubattee baxxi; uumamni samii keessaa oo'a gudda'aan diiggaman. Haa ta'uu ammo samii haarawaa fi ardii haarawa qajeellumma'aan akka dubbii abdi'ii kennameetitti eegganna. Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! waan kana eeggata'aa fafaa fi mudaa malee nagayaan Rabbiin woliin akka jiraattan jabaadha'aa cimaa'a. Obsuun Goofta'aa fayyinna keessaniif akka ta'e beekaa'a. Akkasuma obboleessi keenna jaalatamaan Phaawuloos haguma ogummaa isaa kennameetiin isinii barreesse. Inni akkuma ergaa isaa maraan hime, waan kanallee dubbate. Ergaa isaa keessa wonti tokko ka hubachuun nama dhibu hin jira. Akkuma namoonni hin barannee fi jabaatanii hin dhaabanne kitaabbilee kaawwan dabsan, kunniinillee akka fedha isaaniititti badii ufiitiif micciiran. Eegasuu jaalatamtoota tiyya! isin waan kana duraanuu waan beettaniif dogoggora worra hammeeyyi'iitiin qabamtanii dhaabachuu keessan irraa akka hin kufne uf eeggadhaa'a. Akkasuma badhaadhumma'aa fi beekkumsa Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosiitiin guddadhaa'a. Isaaf ammallee baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin. Waan dubbii jireennaa ka dura ture ka gurra keennaan dhageenne, ka ija keennaan arginee guuttannee laalle, ka harka keennaanillee qaqqabne isinitti odeessina. Jireenni mudhate nulle argineerra hin rannalle'e; jireenna bara baraa ka Aabbaan bira ture, ka nuttillee mudhate isinitti himna. Isinillee nu woliin tokkummaa akka qabaattaniif ka arginee fi ka dhageenne isinitti himna; tokkummaan keenna Aabba'aa fi Ilma isaa Yesuus Kirstoosiin woliin. Gammachuun keessan akka raawwatamuuf kana isinii barreessina. Wonti isa irraa dhageenne dhaamsi isinittillee himnu, «Rabbi ifa; dukkanti sirimaa isa bira hin jirtu» ka jedhu. Dukkana keessa jiraata'aa yoo isa woliin tokkummaa qabna jenne, soba malee dhugaan nu keessa hin jiru. Haa ta'uu ammo akkuma inni ifa keessa jiru, nullee ifa keessa yoo jiraanne, nu martinuu isa woliin tokkummaa qabna. Dhiinni Ilma isaa Yesuus Kiristoosii cubbuu keenna maraa irraa nu qulqulleessa. Cubbuu hin qabnu yoo jenne uf sobna; dhugaanillee nu keessa hin jirtu. Cubbuu keenna yoo himanne, cubbuu keenna nuu dhiisee hammeenna keenna maraa irraa nuu qulqulleessu'uuf inni amanama'aa fi qajeela'a. Cubbuu hin hunye yoo jenne, Rabbiin sobaa goona; dubbiin isaallee nu keessa hin jiru. Ijoollee tiyya! wonti kana isinii barreessuuf akka cubbuu hin hojjanneef; eennullee yoo cubbuu huje, Aabbaan biraa wobii qabna. Innillee Yesuus Kiristoosii qajeela'a. Inni woreega gumaa cubbuu keennaati. Kunillee nuu calla'aaf uduu hin ta'in cubbuu biyya lafaa maraaf. Nu yoo ajaja isaa eenne akka isa beenne beenna. «Isa hin beeka» jedha'aa ka ajaja isaa hin eenne soba'a; dhugaanillee isaa keessa hin jirtu. Ka dubbii isaa eegu maruu jaalalli Rabbii isa keessatti dhugamaan raawwatameera. Isa keessa jiraachuu keenna kanaan beenna. Ka «Isa keessa jiraadha» jedhu akka inni jiraatutti haa jiraatuu. Obboleeyyan tiyya! ka isiniif barreessu ajajuma duraan jiru malee, ajaja haarawaa miti. Ajanyi moofaan dubbii dhageettan san. Ammallee ajaja haarawa isinii barreessa. Wonti kunillee isaan isin keessatti dhuga'a. Dukkanti waan lufuuf ifti dhuga'aa amma ifa. «Ka ifa keessa jira» jedhu; ka ammo obboleessa ufii jibbu, inni haga ammaa dukkana keessa jira. Ka obboleessa ufii jaalatu ifa keessa jira; waan isa gufachiisullee hin qabu. Ka obboleessa ufii jibbu ammo dukkana keessa jira; dukkana keessa jiraatalle'e; gara deemullee hin beeku waan dukkanti ija isaa jaamsiteertuuf. Ijoollee! waan cubbuun maqaa isaatiin isiniif dhiifameef isinii barreessa. Abbootii tiyya! waan ka dura jiru beettaniif isinii barreessa. Ka'imman! waan hamaa waan mooyattaniif isinii barreessa. Ijoollee! waan Aabbaan beettaniirtaniif isinii barreessa. Abboota! ka duraan jiru waan beettaniif isinii barreessa. Ka'imman! jajjaboota waan taataniif, dubbiin Rabbii waan isin keessa jiruuf, waan hamaa waan mooyattaniif isinii barreessa. Adunyaa yookaan waan adunyaa keessa jiru hin jaalatinaa'a. Wonti adunyaa keessa jiru maruu: dharraa foonii, waan ija namaatitti bareedu, hori'iin boonuun waan adunya'aati malee ka Aabba'aatii miti. Eennullee yoo adunyaa tana jaalate, jaalalti Rabbii isa keessa hin jirtu. Adunyaanii fi dharraan isi'ii hin lufti. Namni fedhii Rabbii raawwatu ammo bara baraan jiraata. Ijoollee! sa'aatiin tun ta dhumaati; Ka waan Kiristoosii mormu akka dhufu dhageettaniirtan. Ammumaa worri waan Kiristoosii mormu hedduu dhufeera. Kanaaf akka sa'aatii dhumaa ta'e hin beenna. Isaan nu biraa bayan malee worra keennaa miti. Uduu worra keenna ta'anii silaa nu woliin jiraatan. Haa ta'uu ammo maruu akka worra keenna hin taane beessisu'uuf bayan. Isin ammo waan Ayyaana Woyyuu argattaniirtaniif waa maraa beettan. Isin waan dhugaa beettaniif sobni maruu dhugaa akka hin taane waan beettaniif akka waan dhugaa hin beenneetitti isinii hin barreessu. Kiristoosii miti jedhee ka Yesuusiin ganu malee sobaan eennu? ka Aabbaa fi Ilma isaa ganu inni mormaa Kiristoosiiti. Ka ilma Rabbii ganu maruu Aabbaan hin qabu. Ka ilma Rabbii hedatu Aabbaallee hin qaba. Isinillee wonti duraan dhageettan ijaaramee isin keessa haa jiraatuu. Ka dura dhageettan sun yoo isin keessa jiraate, isinillee akkasuma, Aabba'aa fi ilma keessa jiraattan. Abdiin inni nuu kenne kunillee jireenna bara baraati. Waan worra isin dogoggorsaniitiif kana isinii barreesseera. Dibanni isin Kiristoosiin irraa argattan isin irra jira. Eennullee isin barsiisuu hin barbaachisu. Haa ta'uu ammo dibanni Ayyaanaa waa maraa akka isin barsiisu, dhugaa akka ta'ee fi akka soba hin taane akkuma isin barsiisan sanitti isaan jiraadhaa'a! Ammallee ijoolle! akka hennaa inni dhufe amantii nuu ta'u akka hennaa dhufa isaa isa afo'otti hin saalfanne isa keessa jiraadhaa'a. Akka inni qajeelaa ta'e yoo beettan, namni qajeellummaa hojjatu maruu akka isa irraa dhalate beekaa'a. Ijoollee Rabbii jedhamnee akka waamamnu, Aabba jaalala guddaa attamiitiin akka nu jaalate laalaa'a; kanaaf nullee ijoollee isaati. Adunyaan isa waan hin beenneef nu hin beettu. Goshoota tiyya! amma nu'u ijoollee Rabbiiti; uf afoo maal akka taanu hin beekkamne. Haa ta'uu ammo hennaa inni deebi'ee dhufu akkuma jiruun akka isa fakkaannu hin beenna. Namni Kiristoosiin abdii kana qabu maruu akkuma inni woyyuu ta'e uf woyyoomsa. Ka cubbuu hojjatu maruu waan hamaa hojjata. Cubbuun hammeenna. Inni cubbuu balleessu'uuf akka dhufe hin beettan. Isa keessa cubbuun hin jiru. Ka isa keessa jiru maruu cubbuu hin hojjatu. Ka cubbuu hojjatu maruu isa hin argine hin beekuunille'e. Ijoollee tiyya! ennullee akka isin hin dogoggorsine akkuma inni qajeelaa ta'e, ka qajeellummaa hojjatu maruu qajeela'a. Daabiloos duruma irraa jalqabee cubbuu waan hujuuf namni cubbuu hojjatu martuu ka daabiloosiiti. Kanaaf hujii daabiloosii diigu'uuf Ilmi Rabbii dhufeera. Namni Rabbiin irraa dhalate maruu cubbuu hin hojjatu. Waan sanyiin Rabbii isa keessa jiruuf, waan Rabbiin irraa dhalateef cubbuu hojjachuu hin danda'u. Ijoolleen Rabbiitii fi ijoolleen daabiloosii kanaan gargar bayan. Namni qajeellummaa hin hunyee fi ka obboleessa ufii hin jaalanne maruu ka Rabbiitii miti. Dhaamsi duraa ta dhageettan ta wol haa jaalannu jettu tana waan taateef, Ta akka hammeennaan Qaa'el obboleessa ufii ajjeeseetii miti. Maaf ajjeese? waan hujiin isaa hamaa ta'eef; ka obboleessa isaa ammo waan qajeelaa ta'eef. Obboleeyyan tiyya! adunyaan yoo isin jibbite hin maalalfatinaa'a! Nu worra obboleewwan keenna jaalatu waan taaneef kanaan du'aa gara jireennaa akka ceene beenna. Ka obboleessa ufii jibbu du'a keessa jira. Ka obboleessa ufii jibbu maruu, namni nama ajjeesse maruu jireenni bara baraa isa keessa akka hin jirre hin beettan. Inni waan lubbuu ufii dabarsee nuu kenneeruuf, jaalalti maal akka taate kanaan beenna. Nullee waan obboleewwan teennaatiif lubbuu teenna kennuu nu barbaachisa. Haa ta'uu ammo qabeenna adunyaa tanaa uduu qabu hennaa obboleessi isaa waan isa barbaachisu dhabe argee garaa hin laafneef eennullee yoo ta'e, attamitti jaalalti Rabbii isa keessa jiraatti ree? Ijoollee tiyya! huji'ii fi dhuga'aan malee dubbi'ii fi afaan calla'aan akka wol hin jaalanne. Goshoota tiyya! onneen teenna yoo nu irratti hin murteessine ta'e, Rabbiin afo'otti ugga qabna. Ajaja isaa waan eennuuf, afoo isaatitti worra isa gammachiisu waan taaneef waan kadhannu maraa isa irraa arganna. Ajanyi isaallee kana; akka maqaa Ilma isaa Yesuus Kiristoositti amannuu fi akka wol jaalannuuf. Ka ajaja isaa eegu maruu isaan jiraata. Innillee isaan keessa jiraata, akkaataa kanaan akka nu keessa jiru Ayyaana isaa ka inni nuu kenneen beenna. Goshoota tiyya! Ayyaana mara hin amaninaa'a, Haa ta'uu ammo ayyaannonni Rabbiin biraa ta'uu isaanii qoradhaa'a. Raadduun sobaa heddu gara adunyaa tanaa waan yaa'aniiraniif. Ayyaana Rabbii kanaan beettan. Ayyaanni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhalate amanu maruu Ayyaana Rabbiiti. Ayyaanni Yesuus Kiristoos akka fooniin dhalate hin amanne maruu ka Rabbiitii miti. Innillee Ayyaana Kiristoosiin mormu. Kun akka dhufu dhageettaniirtu, ammumaa adunyaa keessa jira. Ijoollee tiyya! isin Rabbiin woliin jirtan; injifattaniirtanille'e, ka isin keessa jiru, ka adunyaa keessa jiru waan caaluuf. Isaan ka adunyaa kanaati. Kanaafuu wonti isaan dubbatanillee woma adunyaa tanaati. Adunyaanillee isaanii dhageetti. Nu ka Rabbiiti; ka Rabbiin beeku nu dhagaya; namni nama Rabbii hin taane nu hin dhagayu, Ayyaana dhuga'aatii fi Ayyaana sobaa kanaan adda baafanna. Goshoota tiyya! jaalalli Rabbiin biraa waan ta'eef, ka nama jaalatu maruu Rabbiin irraa waan dhalateef, Rabbiinillee waan beekuuf wol haa jaalannuu. Ka jaalala hin qabne, Rabbiin hin beeku; Rabbi waan jaalala ta'eef. Akka kanaan Rabbi jaalala ufii nuu ibse. Karaa isaatiin akka jireenna qabaannuuf tokkicha Ilma ufii gara adunyaa tanaa erge. Jaalalti akkana; Rabbi waan ufii nu jaalateef Ilma ufii ciincaa cubbuu keennaa akka ta'u godhe malee waan nu isa jaalanneefii miti. Goshoota tiyya! yoo Rabbi akkanatti nu jaalate, nullee akkasuma wol haa jaalannuu. Ka Rabbiin arge eennullee hin jiru. Nu yoo wol jaalanne Rabbi nu keessa jiraata. Jaalalti isaallee nu keessatti guutu'u. Ayyaana ufii irraa waan nuu kenneef, nu akka isa keessa jiraannuuf innillee akka nu keessa jiraatu kanaan beenna. Abbaan Ilma ufii fayyisaa adunyaa tanaa akka ta'u godhee akka erge dhageenneerra; hin rannalle'e. Yesuus Ilma Rabbii akka ta'e ka amanee ragaa bayu maruu, Rabbi isa keessa jiraata. Innillee Rabbiin keessa jiraata. Nullee jaalala Rabbi nuu qabu beenneerra; amanneerralle'e. Rabbi jaalala; ka jaalalaan jiraatu Rabbiin keessa jiraata; Rabbillee isa keessa jiraata. Guyyaa murti'ii akka ugginuuf jaalalti isaa nu keessa guutteerti. Akkuma inni adunyaa keessa jiraate nullee akkasuma adunyaa keessa jirra. Jaalala keessa sodaan hin jiru. Jaalalti guutuun sodaa uf keessaa baasee gata. Sodaa keessa yakki waan jiruuf, nama sodaatu jaalalti isaa guutu'uu miti. Inni waan duraan dursee nu jaalateef nullee isa jaalanna. Eennullee, «Rabbiin hin jaaladha» jedha'aa obboleessa ufii yoo ka jibbu ta'e inni hin soba, obboleessa ufii ka ijaan arga'aaru ka hin jaalanne Rabbii ijaan hin argine attamitti jaalachuu danda'a? Ka Rabbiin jaalatu, obboleessa ufii akka jaalatu seera akkanaa Rabbitu nuu kenne. Namni Kiristoos jedhee Yesuusitti amanu maruu Rabbiin irraa dhalate. Ka abbaa ufii jaalatu maruu ka isa irraa dhalatellee hin jaalata. Rabbiin yoo jaalanne, ajaja isaa yoo raawwanne, ijoollee Rabbiillee akka jaalannu kanaan beenna. Rabbiin jaalachuun ajaja isaa raawwatu'u. Ajanyi isaallee ulfaata'aa miti. Ka Rabbiin irraa dhalate maruu adunyaa hin injifata; adunyaallee ka injifatu amantii keenna. Yesuus Ilma Rabbii akka ta'e nama amane malee ka adunyaa injifatu eennu? Bisaanii fi dhiigaan ka dhufe Yesuus Kiristoos. Inni bisaanii fi dhiigaan dhufe malee bisaan calla'aanii miti. Ayyaanni dhuga'a; ka ragullee Ayyaana. Ayyaanni, bisaanii fi dhiinni kunniin worra ragu; sadiinuu wol ta'an. Ragaa namaa hin fudhanna. Ragaan Rabbii ammo kana caala. Ragaan Rabbii tun ta inni ilma ufiitii ragaa baye. Namni Ilma Rabbiititti amanu, ragaa kana uf keessaa qaba. Namni Rabbitti hin amanne ragaa Rabbi Ilma ufiitiif baye sanitti waan hin amanneef Rabbiin sobaa taasiseera. Rabbi jireenna bara baraa akka nuu kenne; jireenni kunillee, ilma isaa keessa akka jiru ragaan kana. Namni ilma Rabbii qabu jireenna qaba. Namni Ilma Rabbii hin qabne ammo jireenna hin qabu. Isin worri maqaa Ilma Rabbiititti amantan jireenna dhuma hin qabne qabaachuu keessan akka beettaniif ani waan kana isinii barreesseera. Waa maraa akka fedha isaatitti yoo kadhanne, Inni nuu dhagaya. Uggi nu isa biratti qabnullee kana. Ka kadhannu maraa akka nuu dhagayu yoo beenne, waan isa kadhanne maraa akka argannu hin beenna. Eennullee obboleessi isaa cubbuu jeennata bara baraatitti isa hin galchine hennaa huju arge, isaa haa kadhatuu. Rabbi jireenna bara baraa nama saniif hin kenna. Cubbuun gara du'a bara baraatitti nama geessu hin jira. Ani ammo waan kanaaf kadhadhaa'a jechuu kiyyaa miti. Hammeenni maruu cubbu'u; cubbuun gara du'aa nama hin geessine hin jira. Namni Rabbiin irraa dhalate maruu cubbuu hin hojjatu. Ilmi Rabbii waan isa tissuuf, hammeennillee isa miidhuu akka hin dandeenne hin beenna. Nu ijoollee Rabbii akka taanee fi adunyaan martuu hunna hamaa san jala akka jirtu hin beenna. Ilmi Rabbii akka dhufee fi waan dhugaa ta'e akka beennuuf hubannaa akka nuuf kenne hin beenna. Nullee Rabbii dhuga'aatii fi ilma isaa Yesuus Kiristoosiin keessa jirra. Inni Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati. Ijoollee tiyya! waaqolee tolfamaa irraa uf eegaa'a! Waan dhugaa nu woliin baraa haga bara baraa jiraatuutii fi ani manguddoon worra dhugamaan jaaladhuuf; na callaa uduu hin taane, ka akkasuma worri dhugaa beekan maruu jaalatan giiftii filatamtu'uu fi ijoollee isi'iitiif; Rabbi Aabba'aa fi Ilma Aabbaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaaninii fi araarri nageenni dhugamaan jaalalaan nu woliin jiraatan. Akkuma ajaja Aabbaan irraa fudhanneen ijoollee tee keessaa gari gariin hennaa dhuga'aan jiraatan waan argeef gammadeera. Giiftii'i! Ammallee akka wol jaalannu si kadhadha. Tunillee ajaja armaan dura jirtu malee ajaja haarawa sii barreessu'uufii miti. Jaalaltillee akka ajaja isaatitti haa deemnu'uuf; ajanyillee akkuma duraan dhageettan akka isi'iin jiraannuuf. Dogoggorsitoonni baay'een gara adunyaa tanaa seenaniiru. Isaanillee worra Yesuus Kiristoos fooniin akka dhalate hin amanne. Inni kun dogoggorsa'aa fi ka Kiristoosiin mormu. Gatii keessan guutuu akka argattaniif malee ka hojjattan akka hin dhabneef uf eeggadhaa'a! Worri barumsa Kiristoosiitiin hin jiraannee fi namni barumsa isaa keessa hin jiraanne Rabbiin hin qabu. Namni barumsa Kiristoosii keessa jiraatu ammo, Aabba'aa fi Ilma isaallee hin qaba. Eennullee barumsa kanaan gara mana keessanii yoo hin dhufne hin simatinaa'a; nagayallee hin gaafatinaa'a. Namni nagaya isa gaafatu waan hujii hamaa isaa isa irraa qoodamuuf. Ani waan isinii barreessu guddaa qaba. Qalamaan woraqata irratti isinii barreessuu hin jaalanne. Haa ta'uu ammo akka gammaddaniif dhufee afaaniin isin qaassu'uuf abdii qaba. Ijoolleen obboleettii teetii ta filatamte nagaya sii dhaamaniiran. Ana manguddoo irraa; Ka dhuga'aan jaaladhu jaalatamaa Gaayiyoosiif: Jaalalloo kiyya! lubbuun tee akka misha'atti akka jiraattu, wonti maruu akka wol sii qixxaayuu fi akka fayyaa qabaattu Rabbiin sii kadhadha. Obboleewwan dhufanii akka ati dhuga'atti jiraattu, waan dhugaa keetii naa rannaan guddisee gammade. Wonti akka ijoolleen tiyya dhuga'atti jiraachuu isaanii dhagayu'uu na gammachiisu waan hin jirreef. Jaalalloo kiyya! siif keessummaa yoo ta'anillee ati waan obboleeyyanii gootu maraan amanama'a. Waan jaalala keetiitiif isaaniif woldaa amantootaa afo'otti rageera. Akka Rabbi jaalatutti imala isaaniititti yoo isaan gargaarte waan mishaa goote. Worra Yihuudii hin taane irraa womaa uduu hin fudhanne maqaa Yesuusiitiif jedhanii waan bayaniiraniif. Eegasuu nu dhugaa woliin akka hojjannuuf namoota akkanaa kanniin keessummummaa haa simannuu. Woldaa Kiristaanaa saniif barreessee ture; haa ta'uu ammo Diyootreefesiin bulchaa ta'uu barbaadu nu hin simatu. Kanaafuu ani yoo dhufee hujii hamaa inni huja'aa odeessu hin dubbadha. Kunuu isa hanqatee obboleeyyanillee ufitti hin dhiyeessu. Worra isaan simatullee dhooggee woldaa keessaa isaan baasa. Jaalalloo kiyya waan mishaa malee hamaa hin fakkaatin. Ka waan mishaa raawwatu maruu Rabbiin irraa; ka waan hamaa ka hammeenna hojjatu ammo Rabbiin hin argine. Dimeexiroosiif namni maruu ragaa bayaaf; dhugaanillee ragaa baatiif; nullee akkasuma hin rannaaf. Ragaan keennallee dhugaa akka ta'e hin beettan. Waan sii barreessu baay'ee qaba. Haa ta'uu ammo bi'iiri'ii fi qalamaan sii barreessuu hin barbaanne. Hennaa dhiyoo keessatti si argee akka woliin qaandhu abdii godha. Nagaya ta'i; goshoonni tee nagaya sii dhaamaniiran. Goshoo kee marattuu nagaya naa himi. Garbichi Yesuus Kiristoosii obboleessi Yaaqoobii Yihuudaan, worra Rabbii Aabba'aan jaalatamanii Yesuus Kiristoosiif waamamanii eegaman maraaf, Araarri, nageenninii fi jaalalti isinii haa guddatu. Obboleeyyan tiyya! Waan fayyinna keennaa uduu isiniif barreessu waan amantaa woyyootaa hennaa tokko kennamee, jabaattanii akka falmattan isin gorsa'aa isinii barreessuun barbaachisaa akka ta'e arge. Hennaa dheera'aan dura murtee tanaaf worri barreeffaman namoonni gari gariin waan hulluuqanii gara keessan seenaniiraniif; isaanillee worra sodaa Rabbii hin qabne; worra badhadha Waaqaa seebarumma'atti jijjiiran, ka ufumatti mooti'ii fi Gooftaa keenna ta'e Yesuus Kiristoosiin hin ganan. Yoma dursitanii waan kana mara beettan ta'ellee, Gooftaan banii biyya Misiriitii attamitti akka baase, maayii worra amanuu dhaban attamitti akka balleesse isin qaabsiisuu fedha. Akkasuma Maleekkota Rabbii ka baalliin itti kenname irraa darbamanii hulee ufii gad dhiisan qaabadhaa'a. Rabbi wodaroo yookaan haada sibiilaatiin isaan hidhee baraa haga bara baraa dukkana keessatti haga guyyaa murtii guddaa sanii isaan eega'aa tursiiseera. Akkasuma Soodomii fi Gomooraan qachoota naannoo isaanii aadaa uumamaan ala ta'e, gara hujii seebarumma'aa nafa ufii dabarsanii kennaniiran. Isaanillee ibidda bara baraatiin adabama'aa worra rakkataniif fakkeenna ta'aniiran. Haala kanaan namoonni kunniin eebjuu eebjotan nafa ufii batteessa'aa baallii Rabbii hin tuffatan. Worra ulfinna qabullee hin arrabsan. Mikaa'el bulchaan Maleekkotaa ammo hennaa waan reeffa Muuse'eetiif daabiloosiin wol morme, «Gooftaan si haa teedeffatu» jedheen malee dubbii arrabaa dubbatuu hin uggine. Kunniin ammo worra hin beenne maraa hin arrabsan. Akka bineensota sammuu hin qabnee juu jedhanii woma beekaniin badan. Waan karaa Qaa'eliitiin deemanii waanuma inni godhe waan godhaniif, waan minda'aatiif jedhanii dogoggora Bala'aamii keessa seenanii akka finqila Qore'eetiin waan badaniif isaan Aanne'e! Kunniin waamsa jaalalaa keessanitti yoo isin woliin waamaman, waamsa jaalalaa san xureessan. Akkasuma isaan tissee ufuma callaa soortu. Isaan akka duumessa rooba hin qabnee ka qilleensaan oofamuu, akka midhaan hennaa daraaree gawutti ija hin godhanne, akka muka gogee hiddaan buqqa'ee, Akka hoomacha dambalii bisaaniitiin hoomachaawuuti; isaan akka urjii tuuttota huleen dukkana bara baraa isaanii qophaayeeti. Heenokiin yoo Aadamiin irraa jalqabnee laakkofne torbeessoon waan namoota kanniinii akkana jedhee raage, «Kunoo Gooftaan woyyoota kumaa fi kitila woliin deebi'ee dhufa» kun nama maraa irratti murteessu'uuf; akkasuma worra dhiban maraa karaa dharaa ka hujanii fi waan hammeennaa ka isa irratti dubbataniif dubbii arrabaa maraa fi balleessaa isaanii addaataa ifa baasu'uuf. Kunniin worra akka fedha dharraa ufiitiin jiraata'aa guungumanii fi worra waan hiree ufiitiif gururi'an. Isaan akka isaanii toluuf nama wol caalchisa'aa hagaa ol dubbii guddaa dubbatan. Isin ammo jaalatamtoota tiyya dubbii Gooftaa Yesuus Kiristoosii ka ergamtoonni dursanii dubbatan qaabadhaa'a. Isaan «worra bara dhumaa cubbuu isaaniitiif halcha badaa ufiitiin deema'aa worra Asheessu» waan isaaniin jedheef. Worri kun worra gargar isin qooduuf worra Ayyaana woyyuu hin qabne. Isin ammo jaalalloota tiyya! amantii keessan ka waa maraa caalaa qulqulluu ta'een uf ijaaru'uuf jabaata'aa Ayyaana woyyu'uun Rabbiin kadhadhaa'a! Araara Gooftaa kenna Yesuus Kiristoosii ka gara jireenna bara baraa geessu eeggata'aa jaalala Rabbiitiin uf eegaa'a! Worra morman garii gorsaa'a. Garii ibidda keessaa buta'aa hambisaa'a; garii worra uffanni isaanii hawwii fooniitiin xuraaye jibbaa'a, araara sodaa uf keessaa qabuun isaanii dhiisaa'a. Akka uduu hin gufanne gammachu'uun worra mudaa hin qabne godhee isin dhaabsisuu danda'uuf, ka ufumatti Waaqaa fi qorichaa, barootaan dura, ammaa haga bara baraa, maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin ulfinni, gaachenni, hunninii fi baalliin haa dhufu! Amiin. Kun mudhata waan dafee ta'u'uuf ta'uu ka Rabbi garboota ufiititti mudhisu'uuf jedhee Yesuus Kiristoosii kennee fi ka Yesuusillee Maleekkaa ufiitiin ergee garbicha ufii Yohaannisitti mudhise. Inni dubbii Rabbiitii fi waan Yesuus Kiristoosii waan arge maraa rage. Barri waan dhiyaateeruuf worri dubbii raagaa kana dubbisan, worri dhagayanii fi worri waan isa keessatti barreeffame eegan eebbifamtoota. Woldoota Kiristaanaa torban biyya Isiya'aa keessa jiraniif, Rabbii dur ture; ka ammallee jiru; ka dhufu'uuf ta'uu fi Ayyaanota torban teessoo jeennata isaa afoo jiran biraa, akkasuma Yesuus Kiristoos ragaa dhuga'aa amanamaa ka worra du'an keessaa hangafa ta'ee kaafameef, Yohaannisii bulchaa mootota lafa kanaa ta'e irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haa ta'u. Ka nu jaalatee cubbuu keenna irraa dhiiga ufiitiin nu dhiqee bilisa nu baasee, Rabbii Abbaa isaatii akka hojjannuuf jeennata Abbaa isaatii gadicha akka taanu nu taasisee, baraa haga bara baraa ulfinninii fi hunni isaa haa ta'u! Amiin. Inni duumessaan dhufa, ijji maruu isa argiti, worri isa woraanellee hin argan. Baniin adunyaa tana irraa maruu sababaa isaatiif gadda'aa booyan. Ee! Akkasuma ta'a. Amiin. Ka jiru, ka ture, ka dhufu, ka maraa danda'u Waandhi Gooftaan, «Alfa'aa fi Oomeegaan Ana!» jedha. Ani Obboleessa keessan ka isin woliin rakkinna jeennataa fi obsa Yesuus Kiristoosii qoodamu waan dubbii Rabbiitii fi waan ragaa Yesuus Kiristoosiitiif lafa bisaaniin marfamte ta Fiximoo jedhamtu irra ture. Ani guyyaa Goofta'aa Ayyaana Rabbiitiin guuttamee ture; laagaa guddaa xurumbaa fakkaatu uf duubatti dhagaye. Akkasuma, «Waan arga'aartu kitaabatti barreessii gara Efesoonii, Samirneesii, Phergamoonii, Tiyaaxiroonii, Sardeesii, Filaadelfiya'aa, Lodoqiya'aa fi gara tokkummaa woldoota Kiristaanaa torban Isiyaa keessa jiraatanii ergi» naan jedhe. Laagaa natti dubbatu argu'uuf uf irra midhadhe; Baattuuwwan ibsaa worqi'ii torba arge. Baattuuwwan wodhakka'atti waan ilma namaa fakkaatu arge; innillee uffata dheeraa haga lukaa gawu uffatee sibiila worqi'ii qomatti hidhateera. Inninii fi rifeensi mataa isaa akka rifeensa hoola'aa adi'i; akka barada'aa addaata; ijji isaallee akka arraba ibiddaati. Lutti isaa waan akka sibiila ibiddaa keessatti diimeeffame fakkaata. Laagaan isaa akka laagaa bisaan gudda'aati. Harka isaa ka mirgaa irraa urjiiwwan torba qaba. Afaan isaa keessa guraadee gara lamaan qarametu baya; fuulli isaa akka aduu guddiftee iftuuti. Ani hennaa isa arge akka nama du'ee ta'ee luka isaa jalatti kufe. Harka mirgaa na irra kaayee akkana naan jedhe. Hin sodaatin; ka duraatii fi ka dhumaa jiraataan anaa. Du'ee ture; kunoo baraa haga bara baraa ani jiraata'a; furtuu du'aatii fi ka asaabaallee hin qaba. Eeganaa ka argite, ka amma jiru ka asiin maayii ta'u'uuf ta'ullee barreessi. Hiikkaan dhossaa urjii torbaatii fi baattuu worqi'ii ka harka kiyya ka mirgaa irratti argite kana. Urjiin torban Maleekkaa woldaa Kiristaana torbaati. Baattuun worqi'ii torban tokkummaa woldoota Kiristaana torbaati. Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Efesooniin keessa jirtuutiif akkana jedhii barreessi. «Ka urjiiwwan torbaa harka mirgaatitti qabate ka baattuu worqi'ii torbaa jidduu deddeebi'u akkana jedha. Hujii kee, dadhabbii keetii fi obsa kee hin beeka; akka ati worra hamaa cadhiftee hin dhiifne worra uduu ergamaa hin taane, «Ergamtoota» ufiin jedhan qorattee laaltee akka isaan sobduu ta'an beette ani hin beeka. Ati maqaa kiyyaaf jettee obsitee uduu hin dadhabin dhaabatteerta. Haa ta'uu ammo waan si irratti ceem'u qaba. Jaalala tee ta duraa san waan dhiifteef. Eeganaa maal irraa akka kufte yaadadhu. Aagiillee gali; hujii kee ka duraa san hojjadhu. Yoo cubbuu irraa deebi'uu baatte dhufee baattuu ibsa'aa kee hule'ee si jalaa fuudha. Haa ta'uu ammo waan kana qabda: atillee akkasuma hujii Niqalaawootaa ka ani jibbu jibbiteerta. «Waan Ayyaanni tokkummaa woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu maruu haa dhagayuu! ‹Ka injifatee muka daraaraa isaa nyaatan ka jeennata Rabbii keessa jiru akka nyaatu hin kennaaf.› «Maleekkaa woldaa Kiristaanaa Samirnees keessa jirtuu, akkana jedhii barreessi. Ka du'ee ture, ka jiraataa ta'e, ka duraatii fi ka dhumaa akkana jedha. Rakkinna keetii fi hiyyummaa kee hin beeka. Haa ta'uu ammo ati dureessa; arraba worra uduu Yihuudii hin taane nu Yihuudi'i ufiin jedhan san hin beeka; isaan woldaa seexanaati. Rakkinna si irra gayu'uuf ta'u hin sodaatin. Daabiloos isin qoru'uuf jedhee isin keessaa namoota gari garii mana hidha'aatitti isin galchu'uuf ta'a. Guyyaa kudhaniif hin rakkattan; ati ammo haga du'aatitti amanamaa ta'i. Badhaasa jireennaallee sii kennaa. Waan Ayyaanni tokkumma Woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagayu qabu maruu haa dhagayuu; ka mooyate du'a lammeesso'ootitti hin miidhamu. «Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa ta Phergamooniitiif akkana jedhii barreessi, «Ka billawa gara lamaan qara qabu harkaa qabu akkana jedha. «Hulee teessoon mootummaan seexanaa jiru akka jirtu ani hin beeka. Maqaa kiyyallee hin eedda; bara Antiphaas amanamaan ragaa kiyyaa isin biratti ajjeefame ati amantii na irraa qabdu hin waakkanne. Haa ta'uu ammo waan diqqoo si irratti ceem'u qaba. Innillee ijoollee Israa'eliitiif gufuu ta'u'uuf nyaata waaqa tolfama'aaf dhiyaate nyaata'aa, seebara'aa worri barumsa Bala'aamii ka Balaaqiin barsiise duukaa bu'an si woliin achi waan jiraniif. Akkasuma akka isaan namoonni barumsa Niqolaawotaa hordofullee si woliin jira. Eeganaa aagii gali; yoo aagii galuu baatte ani dafee sitti dhufa. Guraadee afaan kiyya keessaa bayuun isaaniin lola. «Waan Ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu haa dhagayuu; nama mooyatee nyaata sami'ii ka dhokate keessaa kennaaf; dhagaa adii ka maqaan haarofni irratti barreeffame nama fudhatu san malee ka eennullee hin beenne kennaaf. «Maleekkaa woldaa Kiristaanaa ta Tiyaaxiroon keessa jirtu akkana jedhii barreessi. Ilmi Rabbii ka ija akka arraba ibiddaa, ka lutti isaa akka sibiila boolla ibiddaa keessatti oo'ee diimate fakkaatu qabu akkana jedha. «Hujii, jaalala, Amantii, tajaajilaa keetii fi ciniinnattee obsuu kee, hujii kee, ka duraa caalaa ka maayessaa akka caalu hin beeka. Haa ta'uu ammo ta ani raaga ufiin jettee garboota kiyya akka seebaran, waan waaqa tolfama'aaf qalame nyaatan ta barsiiftuu fi ta dogoggorsitu dubartii san Elzaabeliin waan itti cadhifteef waan si irratti ceem'u qaba. Akka aagii galtuuf hennaa isi'ii kennee ture; isiin ammo seebara irraa deebi'uu didde. Kanaaf dhukkubaan siree irratti isii hambisa; worra isii woliin seebaranillee hujii badaa isi'ii irraa yoo aagii galuu dhabaatan rakkinna guddaa irratti isaan gata. Ijoollee isi'iillee hin ajjeesa. Woldoonni Kiristaanaa maruu akka ani gara'aa fi qalbii qoru hin beekan. Anillee isin maraafuu akkuma hujii keessaniititti isinii kenna. «Isin worra Tiyaaxiroon keessatti barumsa isi'ii hin hordofneef worra, ‹Dhossaa guddaa seexanaa› jedhamu uduu hin baranne haftaniin ammo akkana jedha; ba'aa biraa isinitti hin fe'u; haga ani dhufuuf woma qabdan san jabeessa'aa qabadhaa'a. Bakkalcha bari'ii kennaaf. Waan Ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagayu qabu haa dhagayuu! «Maleekkaa woldaa Kirstaanaa ta Sardeesiin keessa jirtuuf akkana jedhii barreessi. Ayyaanota Rabbii torbanii fi ka urjiiwwan torbaa harkaa qabu akkana jedha. «Hujii kee hin beeka; ati maqamaaf jirta malee duuteerta. Kanaafuu dammaqii ka'i; ani fuula Rabbii kiyyaa afo'otti hujiin kee guutuu ta'uu isaa hin arginee. Waan du'uu gaye sanniin jabeessi. Eeganaa attamitti akka fudhattee fi akka dhageette yaadi. Aagii gali; ajajamiifille'e. Yoo ati dammaquu dhabaatte, akka hattu'uutitti dimmaa sitti dhufa. Sa'aatii attami'ititti akka ani sitti dhufu sirimaa hin beettu. Haa ta'uu ammo worri uffata ufii hin batteessine Sardeesitti namoota hago'otu si woliin jira. Waan isaanii male waan ta'eef isaan uffata adii uffataniiti na woliin deeman. Ka mooyatellee akkasuma uffata adii uffata. Maqaa isaallee galmee jireennaa keessaa hin haqu. Anillee abbaa kiyyaa fi Maleekkota afo'otti maqaa isaatii raga. «Waan Ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu, ka gurra dhagayu qabu maruu haa dhagayu. «Maleekkaa woldaa Kiristaanaa Filaadelfiyaa keessa jirtuu akkana jedhii barreessi. Ka furtuu Daawitii harkaa qabu, ka waan inni cufe eennullee banuu hin dandeennee fi waan inni bane eennullee cufuu hin dandeenne woyyichi dhuga'aa akkana jedha. Hujii kee hin beeka; afoo keetitti balbala baname sii kenneera. Eennullee cufuu hin danda'u; hunni kee yoo hagamillee diqqoo ta'e, dubbii kiyya eeddee maqaa kiyyallee hin waakkanne. Worri Yihuudota uduu hin taane nu Yihuudota jedha'aa soban, worri woldaa seexanaa ta'an gara kee dhufanii luka kee jalatti akka sagadaniif akka isaan akka ani si jaaladhu beekan taasisa. Ciniinnattee obsitee ajaja ani sii kenne waan eeddeef anillee hennaa ataabee worra adunyaa tana irra jiraatan ataabu'uuf dhufu maraa jalaa si baasa. Ani dafee dhufa; eennullee badhaasa kee ka muudamaa akka si jalaa hin fudhanne waan qabdu jabeessii qabadhu. Nama injifate galma Waaqa kiyyaa keessatti utubaa isa taasisa. Inni horoma duranaallee achi keessaa hin bayu. Ani maqaa Waaqa kiyyaatii fi maqaa qachaa Waaqa kiyyaa ta Yerusaalemii haarawa sami'ii dhuftuuf maqaa kiyya haarawa isa irratti barreessa. Waan Ayyaanni woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagayu qabu haa dhagayuu. Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Lodoqiyaa jirtuutiif akkana jedhii barreessi; inni Amiin jedhamu ka amanamee fi ragaan dhuga'aa ka Rabbiin biratti madda uumama maraa ta'e akkana jedha. Akka ati qabbanaayaa, yookaan oo'aa hin taane hujii kee hin beeka. Qabbanaayaa yookaan oo'aa uduu taatee misha'a. Akkanumaan buukanaayaa waan taateef qabbanaayaa yookaan oo'aa waan hin taaneef afaan kiyya keessaa si tufu'uuf ta'a. ‹Ani qabaata'a; dureessallee ta'eera; womaa na hin barbaachisu waan jettuuf hiyyeessa deegaa, hiyyeessa balla'aa fi ka qullaa hafte ta'uu kee waan hin beenneef.› Dureessa akka taatuuf worqii ibiddaan baffame uffattee qullaan saala keetii akka hin mudhanneef uffata adii waan ija kee ittiin bareechifattu na irraa akka bitattu si gorsa. Ani nama jaaladhu maraa hin loladhaan; hin adaba; kanaafuu qajeelii aagii gali. Kunoo ani balbala dhaabadhee dhadhaya; eennullee laagaa kiyya dhagayee yoo balbala ufii naa bane seenee isa woliin hurbaata nyaadha. Innillee na woliin nyaata. Akkuma ani mooyadhee teessoo abbaa kiyyaa irra taa'e, akkasuma ka mooyate na woliin teessoo jeennata kiyyaa irra akka taa'u hin kennaaf. Waan Ayyaanni Woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagayu qabu haa dhagayuu. Achiin maayii ani ol laalee samii keessatti balbala baname arge. Laagaa akka xurumba'aatitti natti dubbatu dhagaye. Laagaan duraan dhagaye, «As bayi ani waan duranaa ta'u'uuf ta'u sitti mudhisaa» naan jedhe. Anillee yoosuu Ayyaanaan guuttame; samii keessa teessoon kaayameera; teessoo san irra namatu taa'eera. Ka teessoo san irra taa'eeru bifti isaa akka dhagaa gatii guddaa Iyyaasphiidiiniitii fi Sardinoonii calanqisee mudhata. Naannaya teessoo sanii funyaan karaabaa ka bifti isaa dhagaa Maraagidii fakkaatutu jira. Naannaya teessoo isaa teessoo diddamii afurtu jira. Teessoo sanniin irrallee manguddoonni diddamii afurii uffata adii uffatanii badhaasa muudamaa ka worqii irraa hojjatame mata'atti godhatanii tataa'aniiran. Teessoo san keessaa laagaa bakakka'aatii fi gigissa'aatitu baya. Teessoo isaa afoo ifaa ibiddaa torbatu ifa'aa ture. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban. Afoo teessoo isaa waan galaana bilillee fakkaatu ka akka uf arga'aa qulqullaayeerutu jira. Wodhakkaa naannoo teessoo sanii bineensonni uumamaa afurtu jira. Isaanillee duraa duubaa ija qaban. Bineensa sanniin keessaa ka duraa leenca fakkaata. Ka lammeesso'oo waatiyyoo fakkaata. Ka sadeesso'oo fuulli isaa akka fuula namaati; ka arfeesso'oo ammo bajjaan fakkaata. Busaayaan arfanuu koola jaha jaha qaban. Keessaa fi gubbaan isaanii ija heddu qaba. Isaan halkanii fi guyyaa uduu hara hin baafatin. «Waaqa Gooftaa waa maraa danda'u, ka dur jiru, ka ammallee jiruu fi ka dhufu'uuf ta'u, Woyyuu, Woyyuu, Woyyuu!» jedha'aa faarfatan. Busaayonnillee ka teessoo irraa ta'ee fi ka baraa haga bara baraa ka jireennaan jiraatu hennaa ulfinna jaju'u fi galata isaa kennaniif, Manguddoonni diddamii afurii afoo ka teessoo irraa taa'eeruutitti kufanii baraa haga bara baraatitti ka jireennaan jiraatuu sagada'aa; «Gooftaa keennaa fi Waaqa keenna, «Ati maraa waan uumteertuuf, fedhii keetiif waan jiraataniif, ulfinni, jajamuunii fi hunnillee keeti» jedha'aa afoo teessoo isaatitti sagadan. Ka teessoo irraa ta'eef harka isaa ka mirgaa keessaa fi duuba irratti barreeffame barreeffama erbe'ee ka chaappaa torbaan cufame arge. Maleekkaan cimaan kitaaba cufu, ka chaappoota hiikuu malu eennu? Jedhee laagaa gudda'aan hennaa labsu arge. Ardii, sami'itti, lafa jalattillee yoo ta'e kitaaba banuu yookaan laaluun eennuullee hin danda'amne. Kitaaballee banuu yookaan laaluun ka malu eennullee waan hin argamneef guddisee booye. Manguddoota keessa tokko, «Hin booyin! Kunoo leenci gosa Yihuuda'aa Inni hidda Daawitii kitaaba banu'uu fi chaappaa torbaallee hiiku'uuf mooyateera» naan jedhe. Teesso'oo fi busaayaa arfan wodhakkaa, manguddoota jiddu'uttillee akka hoolaa qalmaatitti dhaabatee arge. Gaafa torbaa fi ija torba qaba. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban ka gara lafa maraa ergaman. Hoolaan sun dhufee harka mirgaa ka teessoo irra taa'ee irraa kitaaba fudhate. Hennaa kitaaba fuudhe, busayoonni afurii fi manguddoonni diddamii afurii hoolaa afo'otti kufanii isaan maruu girgiraa worqi'ii ka hixaanaatii fi faatee qulqullootaa meeshaa ittiin waaqeffatan qaban. «Kitaaba fuutee chaappootallee hiikuun keeti, waan qalamteef dhiiga keetiin, Rabbiif, afaan maraa, gosa maraa, banii maraa keessaa namoota furtee; jeennata Waaqa keennaatii gadoota akka ta'an gooteerta; adunyaa irrattillee hin mooyan» jedha'aa laagaa haarawaan faarfatan. Achiin maayessa naannaya teessoo busaawotaatii fi manguddootaatitti laagaa Maleekkaa hedduu dhagaye; laakkobsi isaanillee shikita hennaa shikitaatii fi kuma hennaa kumaatamaati. Laagaa gudda'aan, «Hoolaa qalame saniif hunni, durummaan, ogummaan, jajjabeenni, ulfinni, galanninii fi eebbillee isaa mala» jedhan. Ardii, samii'i, lafa jalattii fi uumamni galaana irra jiranii fi wonti isa keessa jiru martuu hennaa, «Eebbi, ulfinni, galanni, hunni baraa haga bara baraa ka teessoo isaa irra taa'eef, hoolaa Rabbiitii haa ta'u» jedhan dhagaye. Busaayaan arfanuu, «Amiin!» jedhan; manguddoonni kufanii sagadan. Kanaan maayessa hoolaan hennaa chaappaa torbaa keessaa tokko yoo hiiku arge; busaayaa arfan keessaa tokko laagaa gigissaa fakkaatuun «Koottuu laali» hennaa jedhu dhagaye. Anillee midhadhee farda adii tokko afoo kiyyatti arge. Ka farda san yaabbateeru eboo qabatee ture. Badhaafni kennameefii Inni mooyataan mooyatu'uuf baye. Hennaa chaappaa lammeesso'oo hiike, busaayaan lammeesso'oo hennaa «koottuu laali» jedhu dhagaye. Fardi daamaan biraallee hin baye; ka farda san irraa taa'ellee nagaya lafa irraa fudhatu'uuf namoonnillee akka wol qalan baalliinii fi guraadeen guddaan kennameef. Hennaa chaappaa sadeesso'oo hiike busaayaan sadeesso'oo hennaa «Koottuu! laali» jedhu dhagaye. Anillee hennaa fardi gurraachi bayu arge, ka isa irra taa'eerullee waan madaaluun harkaa qaba. Laagaa busaayota afurii keessaa bayu fakkaatu dhagaye; laagaan sun, «Qamadiin kiiloo wodhakkaa mindaa guyyaa tokkoo; garbuun kiiloon tokkoo fi wodhakkaan mindaa guyyaa tokkoo haa ta'u; sayitii ejersaatii fi woyinii garuu hin balleessin» jedhu dhagaye. Hennaa chaappaa arfeesso'oo hiike laagaan busaayaa arfeesso'oo hennaa, «koottuu laali» jedhu dhagaye. Ammallee hennaa fardi Hamarri bayu arge, ka isa yaabbateeru maqaan isaa du'a. Badiin bara baraa isa duukaa deeme guraade'een, beela, du'a bineensonni lafaa akka isa ajjeesan lafa irratti harka afurii baalliin kennameef. Hennaa chaappaa shaneesso'oo hiike mi'a kennaa irratti dhiyeessan jalatti lubbuu worra dubbii Rabbii eeganii raganiif qalamanii arge. Isaan laagaa gudda'aan, «Rabbii maraa olii, Woyyu'uu fi ka dhuga'aa! haga yoomii hin murteessitu? dhiiga keenna worra lafa irra jiraatan harkaa maaf haluu nuu hin baafne?» jedha'aa iyyan. Isaan maraafuu uffanni adiin kenname akkasuma akka isaaniititti worra ajjeefamu'uuf ta'an haga laakkobsi garbootaa, goshoota isaaniitiif obboleewwanii haga raawwatamutti ammallee haga bara diqqo'oo haa harabaafatanii jedhaman. Hennaa chaappaa jaheesso'oo hiiku lafti guddiftee sochoote. Aduunillee akka uffata gaddaatitti gurraachatte. Addeessillee hin diimate. Munni hurbu'uu guddisee qilleensaan raafamee akka qaaraa daraaraa buuftuutitti urjiin sami'ii gara lafaa gadi harca'an. Samiin akka kitaabaa maramtee lufte; gaarrinii fi tulluun maruu hulee isaaniitii badan. Mootonni lafaa, bulchoonni, ajajoonni, loltuun kumaa, dureeyyii, jajjaboonni, garboonni, gooftonni maruu goda gaarran dhaga'aa keessatti dhokatan. Gaarranii fi dhagaan, «Nu irratti kufaa'a lola ka teessoo irra ta'eetii fi lola hoolaa Rabbii jalaa nu dhossaa'a. Guyyaan lola gudda'aa waan dhufeeruuf, eentu dhaabatuu danda'a?» jedhan. Asiin maayii kallattii arfaniin Maleekkota afuurii ka lafa irra dhaabataniiran arge; isaanillee qilleensi yoo lafa irra jiraate, yookaan galaana, yookaan muka kamittillee kallattii arfaniin akka hin bubbifne dhooggan. Maleekkaan biraa ka chaappaa Waaqa jiraata'aa qabu gara baya biiftu'uutii hennaa bayu arge. Maleekkota arfan lafaa fi galaana miidhu'uuf baalliin kennameefiitti laagaa gudda'aan iyya'aa, «Garboota Waaqa keennaa haga kallacha isaanii chaappeessinuuf lafa, galaana yookaan mukkiin hin miidhinaa'a» isaaniin jedhe. Gosa ijoollee Israa'elii maraa keessaa worri chaappeeffame nama kuma dhibba tokkootii fi kuma afurtamii afuriiti. Gosa Yihuuda'aa keessaa kuma kudha lama; gosa Roobeelii keessaa kuma kudha lama; gosa Gaadii keessaa kuma kudha lama; gosa Aseerii keessaa kuma kudha lama; Gosa Niftaalemii keessaa kuma kudha lama; gosa Minaase'ee keessaa kuma kudha lama, Gosa Simoonii keessaa kuma kudha lama; gosa Leewwi'ii keessaa kuma kudha lama; gosa Yisaakoorii keessaa kuma kudha lama; Gosa Zaabiloonii keessaa kuma kudha lama; gosa Yooseefii keessaa kuma kudha lama; gosa Biiniyaamii keessaa kuma kudha lamaatitu chaappeeffame. Asiin maayii banii eennullee laakkayuu hin dandeenne baniinii fi gosa worra afaan maraa keessaa namoota heddu guddaa arge. Uffata adii uffatanii qaccee meexxi'ii harka ufiititti qabatanii teesso'oo fi hoolaa Rabbii afoo dhaabatan. Laagaa gudda'aan, «Fayyinni Waaqa keenna ka teessoo irra ta'ee fi ka hoolaa Rabbiiti» jedhan. Maleekkonni maruu naannoo teessoo manguddootaatii fi busaayota arfaanii dhaabatanii turan. Afoo teesso'ootitti kallachaan gad kufanii Rabbii sagada'aa, «Amiin! eebbii, ulfinni, ogummaan, galanni, jajamuun, hunninii fi jajjabeennillee baraa haga bara baraa Waaqa keennaaf haa ta'u! Amiin!» jedhan. Manguddoota keessaa tokko deebisee, «Kunniin ka uffata adii uffatan eennuun fa'a? eessaa dhufan?» naan jedhe. Anillee, «Gooftaa kiyya, situ beeka» jedheen. Innillee akkana naan jedhe, «Kunniin worra rakkoo guddaa keessaa dhufan. Uffata ufiillee miicanii dhiiga hoola'aatiin qulqulleessan. Kanaaf worri teessoo Rabbii afoo jiran halkanii fi guyyaa mana woyyuu keessatti isa waaqeffatan. Ka teessoo irra taa'e isaan keessa jiraata. Ammaa achi hin beelayan; Ammaa achi hin dheebotan; aduunii fi oo'i maruu sirima isaan hin miidhu. Hoolaan teessoo wodhakkaa jiru tissee isaanii ta'a. Gara burqaa bisaan jireennaa isaan geessa; Rabbillee imimmaan maraa ija isaanii irraa haqa.» Hennaa chaappaa torbeesso'oo hiike haga wodhakkaa sa'aatii tokko samii irratti hin cadhifame. Maleekkota torban ka afoo Rabbii dhaabatan arge; isaaniillee xurumbaa torbatu kennameef. Maleekkaan biraa dhufee girgiraa worqi'ii qabatee hulee ciinca'aa bira dhaabatee ka afoo teesso'oo jiru ciincaa worqi'ii irratti faatee qulqullootaa maraa woliin akka dhiyeessu hixaanni hedduu kennameef. Aarri hixaanaa faatee woyyoota woliin harka Maleekka'aatitti afoo Rabbiititti ol baye. Maleekkaan girgiraa qabatee ibidda hulee ciinca'aatii itti guutee gara lafaa gadi darbe; laagaan gigissa'aatii fi ka bakakka'aa dhagayamee laftillee hin sochoote. Maleekkaan torbaa ka xurumbaa torbaa qaban afuufu'uuf qophaayan. Maleekkaan duraa xumbaa afuufe baradaa dhiigaan makamee fi ibiddatu uumame. Innillee gara lafaa darbame. Lafti harka sadihi keessaa harki tokko hin gubatte. Munnillee harka sadihi keessaa tokko hin gubate. Margi lalise maruu hin gubate. Maleekkaan lammeesso'oollee xurumbaa afuufe. Gaarri waan akka ibidda qilleensaatiin gubatu fakkaatu gara galaanaa gadi gatame; galaanni harka sadihi keessaa tokko dhiiga ta'e. Uumama lubbu qaban ka galaana keessa jiraatan keessaa harka sadihi keessaa harki tokko hin du'an; Markaboonnillee harka sadihi keessaa harki tokko hin barbadaaye. Maleekkaan sadeesso'oollee xurumbaa afuufe. Urjiin guddaan akka shawa'aa gubatu sami'ii darbame. Laggiinii fi bisaan burqa'aa sadihi keessa harki tokko irratti kufe. Maqaan urji'iille Irreetoo jedhama. Bisaanillee sadihi keessa harki tokko hin hadhaaye. Waan hadhaayeef miidhaa bisaaniitiin namoonni hedduu du'an. Maleekkaan arfeesso'oo xurumbaa afuufe. Aduun sadihi keessaa harki tokko, addeessi sadihi keessa harki tokko, urjiiwwan sadihi keessaa harki tokko hin dhayame. Harki sadihii kunniin akka dukkanaawu, guyyaan sadihi keessa harki tokko akka ifu, akkasuma ka halkanillee'e. Bajjaan tokko samii wodhakka'aa bararee laagaa gudda'aan «waan Maleekkota sadihii xurumbaa afuufu'uuf ta'anii, waan laagaa Maleekkota biraa worra lafa irra jiraataniif isaanii aanne'e!» Hennaa jedhu dhagaye. Maleekkaan shaneesso'oollee xurumbaa afuufee urjii sami'ii gara lafaa darbame arge. Furtuun ashuuteellee hin kennameef. Boolla ashuuteellee hin bane; aarrillee akka aara ibidda gudda'aa dhagaa keessaa baya; aduunii fi qilleensi aara boolla ashuutee keessaa bayuun dukkanaayan. Aara san keessaa Awwaannifni gara lafaa bayee akkuma buutiin lafaa baallii qaban baalliin isaanii kenname. Isaanillee namoota kallacha isaanii irra chaappaan Rabbii hin jirre callaa akka miidhan ajaje malee, waan lafa irra jiru maraa, waan lalise yookaan muka kamiinillee akka hin miine isaanitti himan. Isaan akka ji'a shanii callaa rakkisaniif kennameef malee akka ajjeesaniifii miti; miidhaan isaan miidhaman akka miidhaa nama buutiin idditeeti. Ji'oota sanniin namoonni du'a soqan. Haa ta'uu ammo hin argatan, du'uu dharra'an; duuti ammo isaan dheessiti. Bifti Awwaannisaa akka faradoo lolaaf qophooftee mataa isaanii irraa gulloo worqii fakkaatu qaban; fuulli isaaniillee akka fuula namaati. Rifeensa akka rifeensa dubarti'ii fakkaatu qaban; ilkaan isaanii akka ilkaan leencaati. Uffata sibiila fakkaatu qaban; laagaan koola isaanii akka konkolaataa faradoo hedduu ka lolaaf yaabbataniiti. Eegeen isaanii akka eegee buuti'iiti. Eegee isaanii irra woraanatu jira; namootallee haga ji'a shanii miidhu'uuf baallii qaban. Isaan mootii qaban; innillee Maleekkaa ashuuteeti. Maqaan isaa afaan Ibraayisxiitiin «Abdoon» Afaan Giriikiitiinillee «Aphaliyoon» jedhama. Aanne'een duraa lufteerti. Kunoo asiin maayii ammallee aanne'ee lamatu dhufa. Maleekkaan jaheesso'oo xurumbaa afuufe. Gaafa worqii irraa hojjatame ka kennaa irratti dhiyeessan ka Rabbiin afoo jiru keessaa laagaa tokko dhagaye. Maleekkaan xurumbaa qabu ka jaheesso'oo, «Maleekkota arfan laga guddaa Efraaxisitti hidhaman isaan hiiki!» jedheen. Maleekkonni afurii namoota sadihi keessaa harka tokko akka ajjeessan sa'aatii, guyyaa, ji'aa fi wogga'aafillee worri qophaayanii turan hin hiikkaman. Laakkobsi loltuu farado'oollee shikita hennaa shikitaa, shikita hennaa shikitaati jedhu dhagaye. Farado'oo fi worra faradoo yaabbatanillee akkasuma manaabaan arge. Uffata diimaa akka ibiddaa, gurraacha akka baddeessa'aa, boora akka bookaa fakkaatu qaban. Mataan Faradoo sanniinii akka mataa leencaati. Afaan isaanii keessaa holataan dhagaa ibiddaa baye. Badiin sadiin afaan isaanii ibiddaa fi aara dhagaa ibiddaatiin ajjeefame. Baalliin farado'oo afaan isaaniitii fi eegee isaanii irra waan ta'eef eegeen isaanii bofa fakkaata. Mataallee hin qaban, sanniinillee hin miidhan. Balaa kanaan ka hin ajjeefamne namoonni hafan jinnii arganii yookaan dhagayanii yookaan deemuu dadhabanii worqii, birrii, waan akka sibiilaa, dhaga'aa fi muka irraallee waaqa tolfamaa hojjatamanii akka hin saganne, waan hujii harka isaaniitiifillee aagii hin galle. Waan ajjeesuu isaaniillee, yookaan waan asmaa isaanii, yookaan waan seebaruu isaanii, waan hatuu isaaniitiifillee aagii hin galle. Maleekkaan jabaan biraallee duumessa uffatee ka sami'ii bu'u arge. Mataa isaa irra funyaan karaabaatitu jira. Fuulli isaallee akka adu'uu, lutti isaallee akka ibidda dhaga'aati. Kitaabattii diqqoo banamte harkatti qabateera. Luka isaa ta mirgaatiin galaana irra, ta biita'aatiin lafa irra dhaabate. Akka leenca aaduutitti laagaa gudda'aan iyye; hennaa iyye gigissaan torbanuu akkuma laagaa isaaniitiin dubbatan. Hennaa gigissaan torbaa dubbatu, barreessuu yaade, «Sami'ii waan gigissaan torbaa dubbate chaappa'aan cufi malee hin barreessin» laagaa jedhu dhagaye. Maleekkaan ani arge, galaanaa fi lafa irra uduu dhaabatee, harka ufii ka mirgaa gara sami'ii ol kaasee, Sami'ii fi waan samii keessa jiran, lafaa fi waan galaana keessa jiran, galaanaa fi waan galaana keessa jiran ka uumee fi baraa haga bara baraa jiraataa ta'ee ka jiraatuun kakatee, «Ammaa achi hin turu! Haa ta'uu ammo Maleekkaan torbeesso'oo hennaa xurumbaa afuufu bara laagaan dhagayamu, garbootaa fi raattota lallaba gammachu'uu akka isaanii lallabeen dhossaan Rabbii hin raawwatama» jedhe. Laagaan sami'ii dhagaye deebi'ee yoo natti dubbatu, «Ka'iitii Maleekkaa galaanaa fi lafa irra dhaabatu harkaa kitaaba banamte ta harka isa jirtu fudhadhu» yoo jedhu dhagaye; gara Maleekka'aa dhaqee, Kitaabattii diqqoo naa kenni jedheen. Innillee, «Fudhadhuutii nyaadhu; garaa keellee hin hadheessitii, afaan keetitti ammo akka dammaa mi'oofti» naan jedhe. Maleekkaa harkaa Kitaabattii diqqoo fudhee nyaadhe. Afaan kiyya keessatti akka dammaa natti mi'oofte; haga nyaadheen maayii garaan kiyya hin hadhaaye. Gosa hedduu fi worra Yihuudotaa hin taane, «Worra Afaan adda addaa qaaqanii fi mootota marattuu deebitee raaga dubbachuu si barbaachisa» jedhamee natti himame. Waan ulee fakkaatu ka ittiin madaalan naa kennee, «Dhaqiitii mana woyyuu Rabbiitii fi waan ciincaa itti dhiyeessanillee bikki; worra achitti waaqeffatullee laakkayi» naan jedhe. Ka mana woyyu'uutiin ala jiru hin bikkin; worra Yihuudota hin taanee kennameeraa dhiisi; isaanillee ji'a afurtamii lamaa fi qachaa woyyittii irra ejjatan. Ragoota kiyya lamaanii fi uffata gaddaa uffatee guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jahaatamaa akka raaga dubbatan hunna isaanii kenna. Isaan kunniin ejersa lamaa fi baattuu ibsa'aa lamaan ka Gooftaa biyya lafaa afoo dhaabatan. Eennuunillee miidhuu yoo barbaade, ibiddatu afaan isaaniitii bayee diintota isaanii nyaata. Yoo eennullee isaan miidhuu barbaade akkasuma hin ajjeefaman. Ji'oota raanni kun dubbatamu roobni akka hin roobneef samii cufu'uuf baallii qaban, hennaa bisaan gara dhiigaa jijjiiruu barbaadan maraa bala'aan lafa maraa dhayu'uuf baallii qaban. Ragaa isaanii haga raawwataniin maayii bineensa ashuutee bawu woliin wol lolan. Mooyatee isaan ajjeesa. Reeffi isaaniillee afoo qachaa gudditti'ii ciisa; isiinillee akka fakkeenna hafuuraatiin soodomii fi Misirii jedhamteeti akkasuma hulee Gooftaan isaanii itti fannifame. Worra gosa afaan adda addaatii fi worra Yihuudota hin taanee, Reeffa isaanii guyyaa sadihii fi wodhakkaa lafatti laalan. Reeffi isaanii akka awwaalamu hin dhiisan. Ragoonni lamaan kunniin worra lafa irra jiraatan waan rakkisaniif isaanitti gammadan; gammachu'uun jiraatan, kennaa wolii kennan. Guyyaa sadihii fi wodhakka'aan maayii hafuurri jireennaa Rabbiin biraa bayee isaanitti deebi'ee luka isaaniitiin dhaabatan. Sodaan guddaan worra isaan laalan irratti bu'e. Sami'iillee laagaa guddaa, «Garana ol bayaa'a!» jedhu dhagayan. Isaan uduu diintonni isaanii laalan gara sami'ii duumessaan ol bayan. Sa'aatii san lafti guddiftee sochoote. Qachattiin kudhan keessaa harki tokko hin kufte. Sochii saniin namoonni kuma torbaa dhuman. Worri hafellee sodaatee Waaqa sami'itii ulfinna kennan. Aanne'een lammeesso'oo lufeeti, akkasuma aanne'een sadeesso'oo dafee dhufa. Maleekkaan torbeesso'oo xurumbaa afuufe. Sami'itti, laagaan guddaan, «Mootummaan adunya'aallee ta Gooftaa keennaa ta Kiristoosiiti. Inni baraa haga bara baraa mooya» jedhu dhagayame. Manguddoonni diddamii afurii ka teessoo Rabbii afoo taa'an kallacha ufiitiin lafatti gadi kufanii akkana jedha'aa Rabbii sagadan. Ka jirtuu fi ka turte, ka maraa bulchitu, Rabbii Gooftaa keenna hunna guddaa waan qabduuf, waan mooteef si galatoonfanna. Worri Yihuudii hin taane hin lolan, atillee hin lolte; hennaan ati worra du'anitti murteessitullee dhufe. Barri ati garboota kee, ragootaa fi woyyoota kee, worra maqaa kee sodaatan didiqqa'aa fi gugurda'aa gatii isaanii kennitu, worra lafa balleessan balleessitu dhufe. Manni woyyuu Rabbii ka samii jiru baname; «Saanduundhi waada'aallee» mana woyyu'uu keessatti mudhate; laagaa, bakakkaa, gigissaa, sochii lafaatii fi baradaan guddaan uumame. Malkanni guddaan sami'itti mudhate. Intalattiin aduu uffatte ta addeessa luka isi'ii jalaa qabdu urjii kudha lamaa mataa ufii irratti gonfatte fakkaattu takkatu jira. Isiinillee ulfa dayu'uuf ciniinsu'uun qabamtee dhiphatteetitti iyyite. Malkanni biraallee sami'itti mudhate. Jawween guddaan diimaan mataa torbaa fi gaafa kudhan qaba. Mataa isa irra qoobii torbatu jira. Eegeen isaa urjii sami'ii sadihi keessaa harka tokko gara lafaa gad jisse. Jawweenillee hennaa intalattiin deette daa'ima isi'ii nyaachu'uuf intalattii dayu'uuf taatu san afoo dhaabate. Ilma dhiiraa ka worra Yihuudota hin taane maraa ulee sibiilaatiin bulchu'uuf ta'u deette. Mucaan isi'ii gara Rabbiitii fi gara teessoo isaa ol fudhatame. Intalattiin guyyaa kuma tokkoo fi jahaatamaa achitti akka isii sooran gara hulee Rabbi qopheesseefii gara gammoojji'ii dheessite. Samii irratti lolli ka'e. Mikaa'elii fi Jawween wol lolan, Jawweenillee Maleekkota woliin wol lole; garuu isaan hin dandeenne. Achiin maayessa sami'itti hulee dhaban. Ka adunyaa maraa dogoggorsu, daabiloos yookaan ka seexana jedhamu, Jawween guddaan innillee bofni duraa sun gad gara lafaa darbame. Maleekkonnillee isaan wol lolan. Kanaan maayessaa laagaan guddaan sami'itti hennaa akkana jedhu dhagaye, «Amma baalliin, fayyinni, hunni, jeennanni ka Waaqa keenna Yesuus Kiristoosiiti. Himattoonni halkanii fi guyyaa Waaqa keenna afo'otti, obboleewwan teenna himatan waan gadi darbamaniif. Isaan, dhiiga hoola'aatii fi sababaa dubbii ragaa isaaniitiin mooyataniin; isaan lubbuu isaanii haga du'aa uf irraa bayan. Kanaafuu isin worri sami'ii fi samii keessa jirtan gammadaa'a, lafaa fi galaana isaan hobbaasi! daabiloos akka barri hagoon hafe beekee, aarii gudda'aan gara keessan waan bu'eeruuf.» Jawweenillee haga akka gara lafaa darbame arge, intalattii ilma dhiiraa deette san ari'e. Isiinillee afoo bofaatii bara, barootaa fi wodhakkaa barootaa gara lafa gammoojji'ii waa itti nyaattuu barartee akka fagaattu koolli bajjaa lamaan gugurdaan kennameef. Bofnillee intalattiin akka lagaan liqimfamtu godhu'uuf bisaan haga lagaa gayu afaan ufii keessaa isii duubatti jisse. Laftillee afaan bantee bisaan jawween afaan ufii keessaa jisse dhugu'uun intalattii san gargaarte. Kanaan maayessa bineensi tokkollee uduu galaana keessaa bayu arge. Gaafa kudhanii fi mataa torba qaba. Gaafa isaa irra qoobii kudhanii fi mataa isaa torban irra maqaa arrabaatitu jira. Bineensi ani arge sun qeerransa fakkaata; lutti isaa akka luka Awwaaldiigessaati; afaan isaa akka afaan leencaati; Jawweenillee hunna ufii, teessoo ufiitii fi baallii ufii guddaa kenneef. Mataa isaa torban keessaa tokko ka akka waan goorra'amee du'ee ta'e arge; madaa isa ajjeesu'uuf ta'u irraa hin fayye. Baniin lafa irraa maruu bineensa duukaa deema'aa maalalfatan. Jawwe'eellee hin sagadan; waan inni bineensaa baallii kenneeruuf, «Eentu bineensa kana fakkaata? isaanillee eentu wol loluu danda'a?» jedha'aa sagadaniif. Waan guddaa fi afaan ittiin arrabsutu kennameef; ji'a afurtamii lamaa akka hojjatu baalliin kennameef. Rabbiinillee arrabsu'uuf maqaa isaatii fi hulee bultii isaa ta sami'ii worra bulullee arrabsu'uuf afaan banate. Woyyoota woraanee mooyachuu gosaa fi firoota banii afaan gara garaa dubbatan maraa irratti baalliin kennameef. Uumama adunya'aatii jalqabee worri maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka hoolaa qalamee keessatti hin barreeffamne, worri lafa irra jiraatan maruu hin sagadaniif. Ka gurra dhagayu qabu yoo jiraate haa dhagayuu. Eennullee ka booji'amuu barbaadu yoo jiraate gara booju'uu deema. Eennullee ka guraade'een nama ajjeesu yoo jiraate, inni guraade'een haa ajjeefamuu. Obsinii fi amantiin woyyootaa kanaan. Bineensi biraallee uduu lafaa bawu arge. Gaafa lamaa ka gaafa hoola'aa fakkaatu qaba. Akka Jawwe'eetitti qaaqa. Inni maqaa bineensa duraatiin baallii guutu'uun hojjata'aara. Laftinii fi worri lafa irra jiran maruu, bineensa duraa ka madaa ajjeeftu irraa fayyee akka sagadaniif godha. Samii irraa ibidda afoo namaatitti buusu'uun malkata gugurdaa godha. Malkata gugurdaa afoo bineensaatitti ta'u saniin worra lafa irra jiraatan hin dogoggorsa. Ka madaa guraade'ee qabuuf, worra lubbu'uun jiraatan fakii bineensa sanii akka godhatan worra lafa jiraatanitti dubbata. Hennaa fakiin bineensaa qaaqu, worra fakii bineensaatii hin saganne maraa ajjeesisu'uun fakii bineensaatii hafuurri akka kennamuuf taasifame. Didiqqa'aa fi gugurdaan, dureeyyi'ii fi hiyyeeyyiin, gooftotaa fi garboonni maruu harka isaanii ka mirgaatitti yookaan kallacha isaaniititti malkata godhatan. Maqaa bineensaa, yookaan ka malkata laakkobsa maqaa isaa hin qabne eennullee bituu yookaan gurguruu akka hin dandeenne godha. Wonti kun ogummaa barbaada; ka sammuu qabu laakkobsa bineensaa haa laakkayuu. Laakkobsi laakkobsa namaa waan ta'eef, laakkobsillee dhibba jahaa fi jahaatamii jaha. Kanaan maayessa hoolaa gaara Tsiyoonii irra dhaabate arge. Isa woliin worra maqaan isaaniitii fi maqaan Abbaa isaa ka kallacha isaaniititti barreeffame kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afur. Laagaa akka bisaan gudda'aa akka gigissaa gudda'aa sami'ii dhagaye. Laagaa akka worra dibbee dhayuu dhagaye. Teessoo afo'otti busaayota arfanii fi afoo manguddootaatitti faaruu haarawa faarfatan. Worra lafa irratti fayyan keessaa kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afurii malee faaruu san baratuun eennuufillee hin danda'amne. Worri kun qulqullumma'aan uf eeganiiran. Worra dubartii bira dhaqanii uf batteessanii miti; isaan kunniin qeerro'o. Worri gara hoolaan Rabbii deemu faanaa deeman kanniin fa'a. Rabbii fi hoolaa Rabbiitii akka hangafa isaanii ta'an namoota keessaa worri fayyan kanniin fa'a. Afaan isaanii keessa sobninii fi mudaan hin jiru. Maleekkaan Dubbii Nagayaa bara baraa banii, fiixaa, worra afaan gara garaa ka gosa maraaf lallabu samii wodhakka'aa uduu bararu arge. Laagaa gudda'aan «sa'aatiin murtii isaa waan gayeeruuf, Rabbiin sodaadhaa'a! Ulfinnallee isaa kennaa'a. Rabbii ardii, samii, galaanaa fi burqaa bisaanii uumeef sagadaa'a» jedhe. Ergamaan lammeesso'oo ka duraatitti aanee, «Baabilooniin guddoon jidde! jidde! isin gofti adda addaa maruu daadhii woyini'ii ta seebarchiiftuu fi ta macheessitu akka dhugan gooteerti» jedhe. Maleekkaan sadeesso'oollee laagaa gudda'aan akkana jedha'aa isaan faanaa deeme, «Ka bineensaa fi fakii isaatii sagadu, yookaan kallacha ufii, yookaan harka ufii irratti ka malkata isaa godhatu eennullee yoo jiraate, Inni daadhii woyini'ii ta lola Rabbii hin dhuga. Daadhiin woyini'ii sun uduu hin makamin mijuu lola Rabbiititti makamteerti. Woyyootaa fi afoo hoolaa Rabbiititti ibiddaa fi ibidda dhaga'aatiin gatii argata. Aarri rakkinna isaaniillee baraa haga bara baraatitti baya. Worri bineensaa fi fakii isaatii sagadan, worri malkata maqaa isaallee fudhatan maruu, halkanii guyyaa hara hin baafatan» jedhe. Worri ajaja Rabbii eeganii fi woyyoonni Yesuusiin amanu'uun jabaatan. Anillee samii irraa laagaa, «Ammaa achi worri Goofta'atti amananii du'an eebbifamtoota» Ayyaanni, «Ee, akka isaan dadhabbii irraa harabaafatan, hujiin isaaniillee isaan duukaa deema jedha jedhii barreessi» laagaa jedhu dhagaye. Achiin maayii midhadhee duumessa adii arge; duumessa san irra ka ilma namaa fakkaatutu taa'eera; mataa isaa irra gulloo worqi'ii, harka isaa irraa haamtuu qaramtuu qaba. Maleekkaan biraallee mana woyyuu keessaa bayee, ka duumessa irra taa'e saniin, «Hennaan haama'aa waan gayeef haamtuu tee gadi ergii haami; sanyiin lafa irraa gayeeraa» jedhee laagaa gudda'aan iyye. Ka duumessa irra taa'e, haamtuu ufii gara biyya lafaa erge; biyyi lafaallee hin haamamte. Maleekkaan biraallee mana woyyuu ka samii jiru keessaa baye; innillee akkasuma haamtuu qaramtuu qaba. Maleekkaan biraallee ka ibidda irratti baallii qabu hulee ciinca'aatii bayee ka haamtuu qaramaa qabuun, «Sanyiin gayeeraa, haamtuu kee qaramaa gadi ergiitii muka woyini'ii ka lafa jiru maraa hurbuu isaa kuti» jedhee laagaa gudda'aan waame. Maleekkaan sun haamtuu ufii gara lafaa gadi darbee muka woyini'ii ka lafa jiru muree hulee cuunfaa woyini'ii ka lola Rabbii gudda'aatitti gate. Cuunfaan woyinii sanii qacha'aan alatti dhiitame. Dhiinni lafa irraa haga dhaabicha fardaa ol fagaate ka fageenni isaa haga harabaafata, yookaan meetira kuma tokkoo fi dhibba jahaatitu hulee woyiniin itti cuunfamu keessaa baye. Malkataa fi maalalee guddaa biraallee Sami'itti arge. Lolli Rabbii waan isaan irratti raawwatamuuf Maleekkonni torbaa ka balaa dhumaa torba harkatti qabatan mudhatan. Garba bilille'ee ka ibiddaan makame fakkaatu arge. Bineensaa fi fakii isaa laakkobsa maqaa isaallee worri mooyatan meeshaa Rabbii waaqeffata'aa qabatanii hennaa galaana bilille'ee irra dhaabatan arge. «Waaqa Gooftaa maraa dandeettu, hujiin kee gudda'aa fi maalale'e; mootii worra Yihuudii hin taanee, karaan kee qajeela'aa fi ka dhuga'aati; Gooftaa! ka si hin sodaanne; ka maqaa kee hin kabajjine eennu? waan ati callaan woyyuu taateef hujiin kee qajeellumma'aan waan mudhateef, worri Yihuudii hin taane maruu dhufanii, afoo keetitti sagadan» jedha'aa faaruu garbicha Rabbii ka Muuse'eetii fi faaruu hoolaa Rabbiitii faarfatan. Kanaan maayii daaseen raga'aa woyyuun ka sami'ii hin baname, Maleekkonni torbaa ka balaa torbaa harkaa qaban mana woyyu'uutii bayanii, uffata fuuttaa irraa hojjataman uffata mishaa qandhafaa uffatan; qaama isaanii ka sabbata worqi'iitiin hidhatan arge. Busaayaa arfan keessaa tokko baraa haga bara baraa ka jiraatu xuwwee worqi'ii torban ka dheekkamsa Rabbiitiin guuttame Maleekkota torbatti kenne. Ulfinni Rabbiitii fi aarri hunna isaa mana woyyuu guute. Balaan torbaa ka Maleekkota torbaa haga raawwatamuuf eennullee gara mana woyyuu seenuu hin dandeenne. Kanaan maayessa Maleekkota torbaan laagaa guddaa «Deema'aatii mijuu dheekkamsa Rabbii ardii irratti jissaa'a» jedhu mana woyyuu keessaa hennaa bayu dhagaye. Maleekkaan duraa dhaqee mijuu xuwwe'ee lafa irratti jisse; worri malkanni bineensaa irra jiruu fi namoota fakii isaatii sagadan, madaa nafa isaanii nyaatutu isaanitti baye. Maleekkaan lammeesso'oollee mijuu xuwwe'ee galaana keessatti jisse; galaanni sunillee akka dhiiga nama du'ee ta'e; wonti galaana keessa jiru ka lubbuu qabu maruu hin du'an. Maleekkaan sadeesso'oollee mijuu lagaa fi burqaa bisaanii keessatti jisse; isaanillee dhiiga ta'an. Maleekkaan bisaaniillee, «Gooftaa jirtuu fi ka turte, woyyuu'u! akka kana waan murteessiteef, ati qajeela'a; Waan dhiiga woyyootaatii fi raattotaa jissaniif; Akkasuma dhiiga isaan obaafteerta. Waan isaan barbaachisuuf!» jedhee yoo dubbatu dhagaye. Waan kennaa irratti dhiyeessan keessaa, «Ee, Waaqa Gooftaa maraa bulchitu, murtiin kee dhuga'aa fi sirri'i» jedha'aa hennaa dubbatu dhagaye. Maleekkaan arfeesso'oo mijuu aduu irratti jisse; namootallee ibiddaan akka gubdu isi'ii kenname. Namoonnillee oo'a gudda'aan gubatan. Maqaa Rabbii ka balaa kanniin irratti baallii qabu abaaran; aagii galanii ulfinna isaa hin kennine. Maleekkaan shaneesso'oo mijuu teessoo busaaya'aa irratti jisse; mootummaan isaallee hin dukkanoofte. Waan dhiphataniif arraba ufii alanshan. Waan hucuucamanii fi waan madaayaniif Waaqa sami'ii arrabsan. Hujii isaanii irraallee deebi'anii aagii hin galle. Maleekkaan jaheesso'oollee mijuu laga guddaa Efraaxis jedhamu irratti jisse. Mootota baya biiftu'uutii dhufan karaan akka isaanii qophaayuuf bisaan goge. Afaan Jawwe'eetii, afaan busaaya'aatii, afaan raaga sobaatii wonti raacha fakkaatan, ayyaanni battiin sadihii hennaa bayan arge. Waan ayyaana jinni'ii ta'aniif malkata godha'aa guyyaa lola guddaa Rabbii waa maraa bulchuutiif wolitti qabu'uuf gara mootota adunyaa maraa dhaqan. «Ani akka hattu'uu ta'ee dhufa! akka qullaa hin deemne saala isaallee akka hin argine, ka dammaqee uffata ufii eegu ka eebbifame!» Afaan Ibraayisxiitiin gara hulee «Armaageedoon» jedhamutti wol gayan. Maleekkaan torbeessoon mijuu qilleensa keessatti jisse; mana woyyuu keessaa laagaan guddaan, «Raawwatameera» jedhu teessoo irraa dhagayame. Laagaan Bakakka'aatii fi gigissaan dhagayamee lafti guddiftee sochoote. Haga namni lafa irratti uumamee jalqabee sochiin akkanaa guddaan sirima ta'ee hin beeku; kun maraa caale. Qachattiin guddoon bakka sadihitti qoodamte. Qachoonni worra Yihuudii hin taanee hin kufan. Baabiloonii guddoon daadhii woyini'ii ta dheekkamsaa jabduu akka isi'ii kennamuuf Rabbiin afo'otti yaadatamte. Tulluun bisaaniin marfaman maruu hin dheessan; gaarranillee hin badan. Baradaan guddaan madaalaan taalentii tokko ta'u Samii irraa namoota irratti bu'e; balaan guddisee waan guddaa ta'eef namoonnillee sababaa balaa barada'aatiin Rabbiin arrabsan. Maleekkota torbaa ka mijuu xuwwe'ee torba qabatan keessaa tokko dhufee, «Koottu; murtii seebartuu gudditti'ii, ta bisaan hedduu irra teette sitti mudhisa. Mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran, worri lafa irra jiraatan daadhii woyini'ii seebara isi'iitiin machaayan» jedhee natti dubbate. Kanaan maayessa Ayyaanaan gara gammoojji'ii na fidee intalti takka ta maqaan arrabaa irra jiru, ta mataa torbaa fi gaafa kudhanii qabdu, ta bineensa diimaa irra teettu arge. Intalattiin sun uffata diima'aa fi hamara uffattee worqi'ii fi dhagaa gatii gudda'aa waan gatii gudda'aatiin bareede harka ufiititti waan nama shakkisiisaa, xuwwee worqi'ii ka seebarri'ii fi battumma'aan guuttame qabatte. Kallacha isi'iititti maqaa dhossa'aa, «Baabiloonii guddoo haadha seebartootaatii fi ta lafa battootaa» jedhamee barreeffame. Intalti dhiiga woyyootaatii fi dhiiga worra Kiristoosiin ragaa bayaniin machoofte arge; hennaa isii arge guddisee maalalfadhe. Maleekkaanillee, «Maaf maalalfatta?» Dhossaa Intalatti'iitii fi dhossaa busaayaa isii baadhatuu ka mataa torbaatii fi gaafa kudhanii qabu ani sitti hima. Bineensi ati argite dur jira, amma ammo hin jiru, ashuuteen keessaa bayu'uuf ta'a; gara badi'iillee hin deema; worri maqaan isaanii uumama adunya'aa irraa jalqabee Kitaaba jireennaatitti hin barreeffamne, worri lafa irra jiraatan akka bineensi jiru, ka amma hin jirre, deebi'ee akka dhufe haga argan hin maalalfatan. «Sammuun ogummaa qabu kanaan, mataan torban ka intalti sun irra teette gaara torban. Akkasuma mootonni torba keessaa shan kufaniiran; tokko hin jira, ka hafellee haga ammaa hin dhufne. Yoo dhufullee hennaa diqqoo turuu barbaachisa. Bineensi jiruu fi ka hin jirre, saddeetessoo torba keessaa tokko gara badi'ii deema. Gaafni kudhanii ka ati argite mootota kudhanii ka haga ammaa mootummaa hin arganne. Haa ta'uu ammo bineensa san woliin sa'aatii tokkoof akkuma moototaa baallii fudhatan. Kunniin yaada tokko qaban hunna ufiitii fi baallii ufiillee bineensa sanii kennan. Kunniin hoola'aan lolan, hoolaan sun Gooftaa Gooftotaatii fi mootii moototaa waan ta'eef isaan mooyata; worri isa woliin jiran, worri waamamanii fi worri filataman akkasuma worri amanaman hin mooyatan.» «Bisaan seebartittiin irra teette ka ati argite gosaa fi namoota hedduu, worra Yihuudii hin taanee fi worra afaan adda addaatiin dubbatu naan jedhe. Gaafni kudhaniitii fi bineensi ati argite, seebartitti'iin wol lolanii qulla'aa fi duwwaa isii godhan, foon isi'iillee hin nyaatan ibiddaan isii guban. Rabbi yaada Isaa akka godhan yaada tokko akka qabaatan, haga jechi Rabbii raawwatamutti, mootummaa isaanii akka bineensa sanii kennan onnee isaanii keessa waan bulcheef. Intalti ati argite, ta qachaa guddoo mootota lafaa irratti mootu» jedhe. Kanaan maayii Maleekkaa biraa ka baallii guddaa qabu hennaa sami'ii bu'u arge. Sababaa ulfinna isaatiin lafti ifte. Laagaa gudda'aan, «Baabilooniin guddittiin kufte! kufte! hulee jinniin jiraatu taate; hulee ayyaanni batti'ii marti itti irkatan ayyaanoonni hamaanii fi ka simbirroonni jibbaman maruu itti irkatan taate. Worri Yihuudii hin taane maruu daadhii woyini'ii, sababaa seebaruu isi'iitiif kufaniiran mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran; daldaltoonni biyya lafaa sababaa hunna qananii isi'iitiin, dureeyyii ta'an» jedhee iyye. Sami'ii laagaa biraa ka akkana jedhu dhagaye; Banii kiyya! Cubbuu isi'iitiin wolii gala'aa, balaa isi'ii akka hin fudhanne, isii keessaa bayaa'a! Cubbuun isi'ii haga sami'ii waan gayeef, Rabbi hammeenna isi'ii yaade. Haguma isiin kenniteen gatii isi'ii deebisaaf, Akkuma hujii isi'iitiin; dachaa lamaa godha'aatii mijuu isiin wolitti matte dachaa lamaa godha'aatii bulbulaa'a! Haguma isiin uf kabajjitee fi haga uf boonsiteen miidha'aa fi gadda isi'ii kennaa'a. Onnee isi'ii keessatti, «Ani mootittii ta'ee jiraadha, haadha hiyyeessaa hin ta'u, horomaa hin gaddu» waan jetteef. Kanaafuu balaan hedduu, duuti, gaddinii fi beelli, guyyaa tokkoon isii irra gaya. Waandhi Gooftaan isi'itti murteessu jabaa waan ta'eef, ibiddaan gubatti. «Mootonni adunyaa tanaa ka isii woliin seebaranii fi isii woliin boonan, aara hennaa isiin gubattu aaru arganii waan isi'iitiif «banne! banne!» jedha'aa booyan. Ati Baabiloonii qachaa gudditti'ii jabduu si hobbaasi! murtiin kee sa'aatii tokko keessa waan si irra gayuuf» jedha'aa qaaqan. Fe'aa markaba isaanii ammaa achi namni bitu waan hin jirreef, daldaltoonni lafa irraa booya'aa gaddaniif. Fe'aan sunillee worqi'ii fi birri'ii, dhagaa gatii gudda'aa, waan gatii gudda'aa, uffata fuutta'aa, diimaa dhiilgee, muka urgaayu maraa, mi'a ilkaan arbaa irraa hojjatame maraa, muka gatii gudda'aa sibiila diimaa, mi'a dhagaa adii irraa hojjatame mara, Qarafaa, urgooftuu, muka hurbu'uu, qumbii, hixaana, daadhii woyini'ii, dhadhaa ejersaa, daakuu qamadi'ii, loowwan, hoolota, faradoo, konkolaataa fardaa, garbootaa fi namoota biraallee. «Daraaraan ati dharraate si bira lufeera. Wonti si boonsuu fi ka si qandhafsiisu martuu si jalaa badeera; ammaa achi namoonnillee sirima isaan hin argatan» Worri waan kanniin gurgura'aa durooman rakkinna isi'ii sodaatanii fagoo dhaabatan; isaan hin gaddan, hin booyan. Laagaa ufii ol qabatanii akkana jedhan, «Ta uffata talba'aa, diimaa dhiilgee uffattee, worqii, dhagaa gatii gudda'aatiin uf qandhafte, qachaa guddittii sanii hobbaasi! hobbaasi!» Sun maruu sa'aatima tokko keessatti badan. Worri markaba ajajan maruu worri markabaan karaa deeman maruu, worri markaba keessa hojjatan martinii fi worri jireenna ufii galaana irratti hundeeffatan maruu, fagoo dhaabatan. Hennaa isiin gubattu aara isi'ii arganii, «Qachaan qachaa guddittii san fakkaatu eessa jira?» jedha'aa iyyan. Daaraa uf irratti firfirsanii gaddanii booya'aa, «Qachattii guddoo, durummaa isi'iitiin worra galaana irraa, markabaan dureeyyii gootee bille'e!, bille'e! sa'aatii tokkotti badde» jedha'aa iyyan. «Samii'i! isi'itti gammadi; woyyoota, ergamtoonninii fi raattonnillee gammadaa'a! waan isiin isin irra geessiteef Rabbi waan isi'itti murteesseeruuf» Maleekkaan jabaan tokko dhagaa guddaa haga baaburaa gawu ol fuudhee akkana jedhee, gara galaanaa darbe; «Qachaan Baabiloonii guddittiin akkanatti dhiibamtee kufti; ammaa achi sirima hin argamtu. Worri dibbee dhayanii fi laagaa faarfatu meeshaa laagaa adda addaa qabu; laagaan finge'eetii fi xurumbaa afuufamu; ammaa achi sirimaa si keessatti hin dhagayamu; ogummaan harkaa marti, ogeessi tokkollee ammaa achi si keessatti sirima hin argamu; laagaan baaburaa, ammaa achi si keessatti sirima hin dhagayamu; Ifti ibsa'aallee, ammaa achi si keessatti sirima hin ifu; Laagaan idaayya'aatii fi idaayyitti'ii ammaa achi si keessatti sirima hin dhagayamu. Daldaltoonni teellee'e, bulchoota adunyaa tanaa waan ta'aniif, asmaa keetiin worri Yihuudii hin taane maruu, waan dogoggoraniiraniif. Isii keessa dhiinni raattotaatii fi woyyootaa, dhiinni worra lafa irratti goorra'amee maruu, isii keessatti argameera.» Kanaan maayessa sami'itti, «Halee luyaa! ta seebaru'uun lafa balleessite seebartuu guddoo waan itti murteeffameef waan dhiiga garbootaa harka isi'iitii haluu baaseef; Murteen isaa dhuga'aa fi qajeelaa waan ta'eef fayyisuun, ulfinni, hunnillee ka Waaqa keennaati!» jedhee hennaa dubbatu laagaa akka banii hedduu dhagaye. Ammallee, «Halee luyaa! jedhan. Aarri isi'ii baraa haga bara baraa hin aara» Manguddoonni diddamii afurii fi busaayoonni afurii, afoo isaaniititti gad kufanii Rabbii teessoo irra taa'ee, «Amiin, halee luyaa!» jedha'aa sagadaniif. Laagaan, «Garboonni maruu worri isa sodaatan didiqqaanii fi gugurdaan Waaqa keenna galatoonfadhaa'a!» jedhu teessoo isaa biraa dhagayame. Laagaa akka laagaa banii hedduu, laagaa akka laagaa bisaan gudda'aa, laagaa akka laagaa gigissaa gudda'aa jiru ka akkana jedhu dhagaye, «Halee luyaa! ka maraa bulchu Waandhi Gooftaan keenna waan mooyeeruuf. Waan ciini hoolaa Rabbii gayeef isiinillee waan uf qopheessiteef haa gammannuu; ililfata'aa ulfinna isaa haa dhiyeessinuu! Uffata quuncee talba'aa irraa hojjatame akka uffattu kennameef.» Uffanni quuncee talba'aa irraa hojjatame hujii woyyootaa ka qajeellumma'aati. Inni, « ‹Worri hurbaata cidha Hoolaa Rabbii irratti waamame eebbifamtoota› jedhii barreessi» naan jedhe. Akkasuma, «Kun dubbii Rabbii ka dhuga'aati» naan jedhe. Ani isaa sagadu'uuf luka isaa jalatti kufe, innillee, «Akka akkas hin goone uf eegi! Anillee obboleeyyan kee kaawwan woliin akkuma worra ragaa Yesuusii qabanii garbicha; ragaan Yesuusii Ayyaana raagaa waan ta'eef Rabbii sagadi» naan jedhe. Samii baname arge; kunoo ka farda guddaa ol fagaatu irra taa'e, «Amanama'aa fi ka dhuga'aati» jedhama. Qajeellumma'aan murteessa; hin lolalle'e. Ijji isaa akka arraba ibiddaati; mataa isaa irra qoobii ulfinnaa heddutu jira. Maqaa biraa isa malee ka eennullee hin beenne qaba. Uffata dhiinni itti faca'eeru uffateera; maqaan isaa «Dubbii Rabbiiti» jedhameera. Loltoonni samii jiranillee adi'ii fi uffata quuncee talba'aa irraa hojjatame uffatan faradoo gugurdoo irra taa'anii duukaa deeman. Guraadee qaramaa worra Yihuudota hin taane ittiin dhayutu afaan isaa keessaa baya; inni ulee sibiilaatiin isaan bulcha. Innillee daadhii woyini'ii ta lola hamaa Rabbii waa maraa danda'u itti cuunfatu san dhidhiita. Uffataa fi gudeeda isaa irratti barreeffama maqaa, «Mootii moototaa, Gooftaa Gooftotaa» jedhu qaba. Maleekkaa tokkollee ka aduu keessa dhaabate arge, «Simbirran samii keessa bararan maruu kootta'aatii foon moototaa, foon ajajaa loltuu kumaa, foon worra jajjaba'aa, foon farado'oo, foon worra faradoo irra taa'anii, foon gooftotaatii fi ka garbootaa, foon didiqqa'aatii fi gugurdaa maraa akka nyaattan, «Gara hurbaata Rabbii gudda'aa wol gaya'aatii as yaa'aa'a» jedhee laagaa gudda'aan iyye. Ka farda irra taa'een loltoota isaatiin lolu'uuf loltoonni mootota biyya lafaatii fi bineensaan wol gayan arge. Bineensillee hin qabame; worri isa afo'otti maalalee godha'aa malkata bineensaa fudhatan, worra fakii isaatii sagadan ka dogoggorse raanni sobaa isa woliin qabame; lamaanuu uduu lubbu'uun jiran gara ibidda dhagaa bobayuu gara galaana ibiddaa darbaman. Worri farda irratti hafan guraadee afaan isaatii bayuun dhuman; allaattiin maruu foon isaanii nyaatanii quufan. Kanaan maayessa Maleekkaan furtuu ashuuteetii fi haada sibiilaa harkaa qabu hennaa sami'ii bu'u arge. Bofa duraa, Jawwee, inni ka daabiloosii fi seexana jedhame qabee, Woggaa kumaa hidhee qilee ashuuteetitti gate; worra Yihuudii hin taane duranaa akka hin dogoggorsine haga woggaan kumaa raawwatamuuf isa irratti cufee chaappaa itti godhe. Achiin maayii hennaa gabaaba'aaf hin hiikkama. Kanaan maayessa teessoowwanillee hin arge; worra isa irra taa'anii baalliin kennameef, waan ragaa Yesuusiitiif, waan dubbii Rabbiitiif namoota mataan isaanii irraa murame, worra bineensaa fi fakii isaatii hin saganne, worra malkata kallacha isaaniitii fi harka isaanii irratti hin godhanne arge. Kiristoosiin woliinillee woggaa kumaa mooyanii jiraatan. Worri du'an ammo haga woggaan kumni sun raawwatamutti lubbu'uun hin jiraanne; kun du'aa ka'uu duraati. Worri hiree du'aa ka'uu duraa qabu eebbifamtootaa fi woyyoota. Duuti lammeesso'oo isaan irratti baallii hin qabdu; gadoota Rabbiitiif ka Kiristoosii ta'anii isa woliin woggoota kumaa kana mooyan. Woggaan kumaa yoo raawwatame Seexanni hidha'aa hiikkama. Worri Yihuudii hin taane gosa Gogii fi Magoogiin dogoggorsu'uuf kallattii lafaa arfanii bayan. Laakkobsi isaanii akka xindhacha qarqara galaanaati. Gara badhinna biyya lafaa bayanii ganda woyyootaatii fi qachaa jaalatamtuu marsan; ibiddi sami'ii Rabbiin biraa bu'ee isaan nyaate. Daabiloosiin isaan dogoggorse sun hulee gara busaaya'aa fi raanni sobaa jiran gara galaana ibiddaatii fi dhagaa bobayuutitti gatame. Baraa haga bara baraa halkanii fi guyyaa rakkatan. Kanaan maayessa teessoo gudda'aa fi ka teessoo san irra taa'eerullee hin arge; Ardi'ii fi samiinillee isa afo'oo dheessan. Huleen isaanii hin argamne. Worra du'an didiqqa'aa fi gugurdaa teessoo isaa afoo ka dhaabatan arge; kitaabbileen banaman, kitaabni biraallee hin baname; innillee kitaaba jireennaati, worri du'anillee akkuma kitaabbilee irratti barreeffame akkuma hujii isaaniitiin qoodaman. Galaannillee worra du'an ka isa keessa jiranii kenne; duutinii fi ibiddi asaabaallee worra du'an ka isaan keessa jiruu kennan. Martinuu akkaatama hujii isaaniitiin qoodaman. Duutinii fi asaabnillee galaana ibiddaatitti gataman. Galaanni ibiddaa kunillee du'a lammeesso'ooti. Eennullee ka galmee jireennaatitti hin barreeffamne galaana ibiddaatitti gatame. Kanaan maayessa ardii haarawaa fi samii haarawa arge. Ardiin duraatii fi samiin duraa lufaniiran; galaannillee duranaa hin jiru. Qachattiin woyyittiin haarofni Yerusaalem akka idaayyaa abbaa manaatiif qandhaftee qophooftee Rabbiin biraa hennaa sami'ii buutu arge. Laagaan guddaan sami'ii kunoo daaseen Rabbii namoota jidduu jira; «Isaan woliin bulla; isaanillee banii isaa ta'an; Rabbillee inninuu isaan woliin ta'ee Waaqa isaanii ta'a. Imimmaan ija isaan maraa irraa haqa. Duuti ammaa achi hin jiru; seerri duraanii waan lufeeruuf» jedhee hennaa dubbatu dhagaye. Ka teessoo ufii irra taa'e, «Kunoo ani waan maraa haarawa godha!» jedhe; «Jechoonni kun amanama'aa fi dhugaa waan ta'aniif barreessi» naan jedhe. Kanaan maayessa akkana naan jedhe, «Raawwatameera! Ani Aalfa'aa fi oomeega'a; jalqabaa fi dhuma; ka dheebote burqaa jireennaa irraa akkanumaan kennaaf. Ka mooyate kana dhaala; Ani Waaqa ta'aaf, innillee ilma kiyya ta'a. Haa ta'uu ammo worri sodaatu ka hin amanne, worri battaaye, ka lubbuu ajjeese, worra adaba hin qabne, worra asmaa hojjatu, worra waaqa tolfamaa waaqeffatan, sobduun marti hireen isaanii dhagaa ibiddaatii fi galaana bobayu; kun du'a lammeesso'ooti.» Maleekkota torbaa ka mijuu balaa torbaa qabatan keessaa tokko gara kiyya dhufee, «As koottu! Idaayyittii Hoolaa Rabbii sitti mudhisaa» naan jedhe. Ayyaanaan gara gaara guddaa dheera'aa na fide. Hennaa qachaan guddoon woyyittiin Yerusaalemii ulfinni Rabbii keessa jiru sami'ii Rabbiin biraa buutu natti mudhise. Ifti isi'iillee akka dhagaa gudda'aa ulfaata'a; akka Iyyaasphiidii ta'e; akka birrii qulqullayeeti. Dallawa guddaa dheera'aa fi balballan kudha lamaa qabdi. Balballan isi'ii maleekkonni kudha lamaa dhaabataniiran, maqaan kudha lamaan gosa Israa'elii irratti barreeffameera. Karaa baya adu'uutiin karra sadihii kaabaan karra sadihii gara kibbaatiin karra sadihii gara dhiyaatiinillee karra sadihiititu jira. Dalloofni qachatti'ii bu'uura kudha lamaa irratti; isaan keessaallee maqaan kudha lamaan ergamtoota hoolaa Rabbii irratti barreffameera. Ka anatti dubbate dallawaa fi karra qachatti'ii bikku'uuf ulee worqi'ii qabateera. Qachattiinillee kallattii afur qabdi, dheerinnillee akkuma badhinna isi'iiti. Qachattii ulee worqi'iitiin bikkee garaan kuma kudha lamaa ta'e. Dheerinni, badhinni, ol fageenni wol qixa. Maleekkaan naannaya dallawaallee bikkee bikkaa namni bikkuun ciqilee dhibba tokkoo fi afurtamii afur ta'e. Dalloofni isi'iillee Iyyaasphiidiin irraa hojjatame; qachattiin bilillee worqi'ii fakkaatti. Bu'uurri dallawa qachatti'ii dhagaa gatii gudda'aa maraan midhaage; bu'uurri duraa Iyyaasphiidii, bu'uurri lammeesso'oo Sanpeeri, bu'uurri sadeesso'oo Keelqedoon, bu'uurri arfeesso'oo Maraagidi, bu'uurri shaneesso'oo Sardoonikis. Bu'uurri jaheesso'oo Sardiyoon, bu'uurri torbeesso'oo Kiristiloobe, bu'uurri saddeetesso'oo Biralee, bu'uurri sagaleesso'oo Worraawure'e, bu'uurri kurneesso'oo Kirisphiraasis, bu'uurri kudha tokkeesso'oo Yaakinti, bu'uurri kudha lammeesso'oo Ametesixinos. Balballan kudha lamaanuu waan gatii gudda'aa kudha lama qaban; balbalti maruu waan gatii gudda'aa tokko irraa hojjataman. Bayimni qachattii sanii worqii bilille'ee mishaa fakkaata. Waandhi Gooftaan maraa bulchuu fi hoolaan mana woyyu'uu isii keessa jiran; mana woyyuu isi'ii keessatti hin argine. Qachatti sanii waan ulfinni Rabbii isi'ii ifuuf ibsoon isi'ii hoolaa waan ta'eef ifni adu'uutii fi addeessaa isii hin barbaachisu. Worri Yihuudii hin taanellee ifa isi'ii keessa jiraatan; mootonni biyya lafaallee ulfinnaan gara isi'ii fidan. Achi halkan waan hin jirreef karri guyya'aan sirima hin cufamu. Worri Yihuudii hin taane gaachenaa fi ulfinna isi'ii fidan. Worra kitaaba Hoolaa Rabbii keessatti barreeffamanii achi wonti shakkisiisaan maruu worri waan hama'aa fi soba hojjatan sirima isii keessa hin seenan. Kanaan maayessa maleekkaan bayima isi'ii jidduu teessoo Rabbiitii fi teessoo Hoola'aa waan akka bilille'ee calanqisu laga bisaan jireennaa natti mudhise. Laga gamaa fi gamana ji'a ji'aan muka jireennaa ka daraaraa kudha lamaa kennutu jira. Baallii mukaa ka baniin itti fayye. Ammaa achi abaarsi sirima hin ta'u; teessoon Rabbiitii fi Hoolaan Rabbii isii keessa ta'a. Garboonni isaa worri isa waaqeffatan fuula isaa keessa laalan. Maqaan isaa kallacha isaanii irra jira. Ammaa achi hin halkanaawu. Waandhi Gooftaan waan isaanii ibsuuf ifaa fi ifti adu'uullee isaan hin barbaachisu; baraa haga bara baraa hin mooyan. Innillee, «Jechoonni kunniin amanama'aa fi ka dhuga'aati. Ayyaanni raattotaa, Waandhi Gooftaan keenna waan dafee ta'u'uuf ta'u garbootatti akka mudhisu, Maleekkaa erge.» «Ani dafee dhufa, ka raaga dubbii kitaaba kanaa eegu, eebbifama'a» naan jedhe. Kanallee ka arge ana Yohaannis; hennaa dhagayee fi arge, hennaa kana natti mudhise, luka maleekka'aa afo'otti sagadu'uuf gad kufe. Inni ammo, «Akkas akka hin goone uf eegi! Ani sii fi obboloota kee, raattota woliin namoota dubbii kitaabaa kana eegan woliin anillee garbichaa Rabbii sagadi» naan jedhe. Anaan, «Barri dhiyaateera, dubbii raagaa ka kitaabaa kana chaappa'aan hin cufin. Hamaanillee hammeennuma ufii haa hojjatuu; battaayaanillee battummama ufii haa hojjatuu, qajeelaanillee qajeellummama ufii haa hojjatuu, woyyuunillee woyyummaa ufiitiin haa jabaatuu» jedhe. «Ani dafee dhufa; isaan maraafuu akkuma hujii isaaniititti isaanii kennu'uuf gatiin isaanii na bira jirti. Aalfa'aa fi oomeegaa, ka duraatii fi ka maayessaa, ka jalqabaatii fi ka dhumaa ana.» Worri gara muka jireennaa gayu'uuf baallii qabaatu'uuf gara balbala qachatti'ii seenu'uuf uffata ufii miicatan eebbifamtoota. Worri asmaa godhan, sariinii fi seebartoonni worri lubbuu namaa ajjeese, worri waaqa tolfamaa waaqeffatan, worri kijiba jaalatanii fi raawwatan maruu diida jiran. «Ani Yesuus tokkummaa woldaa Kiristaanaatitti kana akka isinii ragu Maleekkaa kiyya erge. Ani hidda fiixaa Daawitii, urjii ganamaa ka ifu.» Ayyaanninii fi idaayyittiinillee «koottu!» jedhan. Ka dhagayullee «Koottu!» haa jedhuu; ka dheebotellee haa dhufuu ka fedhe bisaan jireennaa akkanumaan haa fudhatuu. Raaga Kitaaba kana irratti barreeffame kana ka dhagayu maraafuu ani hin raga. Eennullee kana irratti waan tokko yoo eda'e, Rabbi balaa kitaaba kana keessatti barreeffame maraa isa irratti raawwata. Eennullee dubbii kitaaba raagaa kana keessaa yoo hanqise, hiree isaa muka jireennaa ka kitaaba kanatti barreeffame, qachattii woyyittii Rabbii keessaa gayee isaa jalaa hanqisa. Ka kana ragu, «Ee, dafee dhufa!» jedha. Amiin! Gooftaa Yesuus, dafii koottu! Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin maraa woliin haa ta'u; amiin!