Fiixaa Daawiitiitii fi Abrahaamii ka ta'e hiddi dhaloota Yesus Kristosii kana, Abraahaam Yisihaaqiin, Yisihaaq Yaaqoobii, ni uumate, Yaaqoob Yihuda'aa fi obboleeyyan isaa ni uumate, Yihudaan Fareesii fi Zaaraa dubarttii Ti'imaar jedhamttu irraa, Faarees Heerooniin, Heesiroon'llee Aaraminiin ni uumate, Aaraamiin Aminaadaabiin, Aminaadaab Nahasooniin, Nahasoon'llee Salamooniin ni uumate, Salamoon Boazin dubarttii Rahaab jedhamttu irraa ni uumate, Boazin Yoobeedin Ruut dubarttii jedhamttu irraa, Yoobeed Iseyin ni uumate. Isey'llee nugusa Daawiitiin ni uumate. Nugufnni Daawit haadha worraa Uriiyaa ta turtte irraa Salamooniin ni uumate, Salamoon Roobii'aamiin, Roobii'aamiin Abiiyaa, Abiiyaaniin Asaafiin ni uumate, Asaaf Iyoosaafixiin ni uumate, Iyoosaafix Iyooraamiin, Iyooraamiin'llee Oziiyaaniin ni uumate, Oziiyaan Eyooaataminiin, Yohaataam Akaazin, Akaazin'llee, Hisqiyaasiin ni uumate, Hisqiyaas Minaasee, Minaaseen Amosin, Amosin'llee Yosiyaasiin ni uumate, Yosiyaas ummanni Israa'eelii gara biyya Baabiloonii booji'amanii bara deemanitti, Ekoniiyaanii fi obboleeyyan isaa ni uumate. Boojuu Baabilooniitiin duubatti Ekoniiyaas Salaati'eliin, Salaati'el Zarubaabeliin ni uumate, Zarubaabel Abiyuudiin, Abiiyuud Eliyaaqimiin, Eliyaaqimiin Azoriin ni uumate, Azor Zaadoqiin, Zaadoq Akimiin, Akiim Eliyudiin ni uumate, Eliyud Ele'azaarin, Ele'azaar Maataaniin, Mataan Yaaqoobiin ni uumate, Yaaqoob Masihii ka jedhame Yesusiin ta deette qaadhimataa Maariyamii ka ta'e, Yooseefiin ni uumate. Eegaa Abrahaamiin irraa haga Daawiitii titti dhaloota kudha afur, Daawiitiin irraa haga boojuu Baabiloonii titti dhaloota kudha afur, boojuu Baabiloonii irraa haga Masihii titti dhaloota kudha afur. Yesus Kristos haalli itti dhalate akkana ture, haatii isaa Maariyaam Yooseefiif qaadhimamttee uduu jirttu, uduma inni isi'itti hin dhaqin, Hafuura Qulqullu'uun ulfoofttee ni argamitte. Qaadhimaan isi'ii Yooseef'llee nama mishaa waan tureef, Maariyaamiin nama duranatti isii saaxilu'uuf hin barbaanne, kanaaf dhossa'aan isii dhiisu'uuniif ni barbaade. Garuu waan kana yaada'aa uduu jiru, maleeyikkaan Goofta'aa eebjju'uun isatti mulidhatee akkana ni jedheen, «Fiixaa Daawiitii yaa Yooseef! Qaadhimaan kee Maariyaam ka ulfooftte Hafuura Qulqullu'uun waan ta'eef, isii gara mana keetii fudhachu'uuf hin sodaatin. Isiin'llee ilma dhiiraa ni deetti, inni ummata isaa cubbuu isaanii irraa waan isaan fayyisuuf, maqaa isaa Yesus ni jettaan.» Kun marri'llee ka ta'e Gooftaan akkana jechu'uun karaa nabiyyichaatiin ka dubbate akka raawwatamuuf, «Kunoo, durbbi duudaan ni ulfooftti, ilma dhiiraa'llee ni deetti, maqaan isaa'llee ‹Amaanu'eel› jedhamee, ni waamama. Amaanu'eel jechuun'llee, Waaqinni nu'u woliin ni jira» jechu'u. Yooseef'llee hirribaa yeroo dammaqetti, akkaataa maleyikkaan Goofta'aa isa ajajeen qaadhimaa isaa Maariyaamiin gara mana isaa ni fudhateen. Haa ta'u malee, haga yeroo isiin ilma isi'ii deettee titti, isii bira hin geenne, maqaa isaa'llee Yesus jedhee ni waameen. Bara nugusa Heerodisii titti arddii Yihuda'aa titti ta argamittu, magaalaa Beetelihemii itti Yesus yeroo dhalatetti, qorattoonni urjji'ii baya adu'uutii gara Yerusaalemii ni dhufan. Akkana'llee jedha'aa ni gaafatan, «Nugufnni worra Yihudotaa ka dhalate eessatti? Urjjii baya adu'uutii argnee isaa sagadu'uuf dhufinnee jirra.» Nugufnni Heerodis'llee kana yeroo dhagayetti ni naye, namoonni Yerusaalmii marri'llee isa woliin ni nayan. Itti gaafatamoota qeesotaa maraa fi barsiisota ummataa ka seeraa wolitti qabee, Masihiin ka dhalatu garamtti akka ta'e, isaan ni gaafate. Isaan'llee akkana jechu'uun ni deebisaniif, «Nabiyyichaan raaginni akkana jedhu waan barreeffameef, Masihiin ka dhalatu, arddii Yihuda'aa magaalaa Beetelihemitti, ‹konyaa arddii Yihuda'aa titti ka argamittu, ati yaa Beetlihem! Ummata kiyya Israa'eeliin ka eegu durssaan si keessaa waan bayuuf, magaalota guguddoo Yihuda'aa womaanuu hin hanqattu.› » Kanaan duubatti Heerodis worra qorattoota urjji'ii ta'an sanniin dhossa'aan waamsisee, yeroo sirrii ta'e ka urijjiin itti argamitte gaafatee ni hubate, Akkana'llee jedhee gara Beteliheem titti isaan ni erge, «Deema'aatii waayee daai'maa ufi eegganna'aan qoradhaa, yeroo argattanitti, ani'llee dhaqee akka isaa sagaduuf koota'aatii natti himaa.» Isaan'llee ajaja nugusichaa eega dhagayaniin duubatti, bayanii ni deeman, kunoo! Urjjiin baya adu'uutii argan'llee haga bakka daa'immnni ni jira turee irra dhaabatanitti, dura dura isaanii deema'aa isaan ni eemara ture. Urjjicha'llee yeroo arganitti haalaan ni gammadan, gara manaa'llee aseenanii daa'ima haadha isaa Maariyaamiin woliin uduu jiru ni arganiin, kufanii'llee ni sagadaniif, sanduuqota isaanii'llee bananii kennaa worqqi'ii, ixaanaatii fi qumbi'ii'llee ni dhiyeessaniif. Gara Heerodisii'llee akka hin deebineef Waaqinni eebjju'uun waan isaan ufi eeggachiiseef, qorattoonni karaa bira'aatiin gara biyya isaanii deebi'anii ni deeman. Qorattoonni urjji'ii eega deemaniin duubatti, maleyikkaan Goofta'aa Yooseefitti eebiju'uun muldhatee, «Heerodis daa'ima ajjeesu'uuf waan barbaaduuniif, ka'iitii daai'maa haadha woliin qabadhuu gara biyya Gibxii dheessi, haga sitti himutti'llee achuma turi!» jedheen. Kanaaf Yooseef halkaniin ka'eeti, daaima haadha woliin qabatee, gara biyya Gibxii ni deeme. Achitti'llee Heerodis haga du'uuf ni ture, kun'llee ka ta'e Gooftaan nabiyyichaan, «Ilma kiyya Gibxiitii ni waameen» dubbiin jedhe, akka raawwatamuuf. Kanaan duubatti Heerodis qorattoonni urjji'ii akka isa sobaniin yeroo hubatetti, haalaan ni dallane, gara Beethlihemiitii fi gandoota naannoo jiran mara lolttoota isaa ergee, akkaatama bara qorattoota urjji'ii irraa hubateetiin, umriin isaanii woggaa lama ka ta'anii fi achii gadi ka ta'an, Beetlihemii fi naannoo isi'ii ka turan daa'imman dhiiraa ni ajjeesise. Yeroo sanitti, nabiyyicha Erimiyaasiin akkana jechu'uun raaginni dubbatame ni raawwatame, «Raahel waayee ijoollee isi'iitiif yoo boottu, qooniqqi ani bade'eetii fi booya hadhaaya'aa Raama'atti ni dhagayame, ijoolleen isi'ii lubbu'uun waan hin jirreef, obissu'uuf'llee ni didde.» Heerodis eega du'een boodatti maleyikkaan Goofta'aa Gibxitti Yooseefitti eebjju'uun muldhatee, «Daa'ima ajjeesu'uuf namoonni barbaadan waan du'aniif, ka'iitii daa'ima haadha woliin qabadhuu, gara biyya Israa'eelii deemi!» jedheen. Yooseef'llee ka'eeti daa'ima haadhaan woliin qabatee, gara biyya Israa'eelii titti ni deebi'e. Garuu Aekelaawos bakka abbaa isaa Heerodisii bu'ee, arddii Yihuda'aa irratti mootomuu isaa yeroo dhagayetti, Yooseef garas deemu'uuf ni sodaate. Ta'u'llee eebjju'uun qajeelchi waan isaa kennameef, gara arddii Galiila'aa ni deeme. «Naaziraawicha ni jedhama» jedhamee nabiyyootaan ka dubbatame, akka raawwatamuuf, gara magaalaa Naazireet jedhamttuu dhufee, ni jiraate. Yeroo sanitti Yohaannisiin cuuphaan gammoojjii Yihuda'aa keessa lallaba'aa ni dhufe. Yoo barsiisutti'llee, «Kunoo! Mootummaan Sami'ii dhiyaattee jirttiitii, gara Waaqaa deebi'aa!» ni jedha ture. « ‹Karaa Goofta'aa qopheessaa, xurree'llee qajeelchaa!› Jedha'aa qooniqqa nama gammoojji'itti iyyuuti» jedhee nabiyyichi Isaayaas ka dubbate, waayee Yohaannisiiti ture. Uffanni Yohaannisii'llee rifeenissa gaalaa irraa ka hojjatame ture, hidha isaa titti'llee teepha ni hidhata ture, nyaanni isaa'llee awwaannisaa fi daamma daamu'uu ni ture. Yeroo sanitti'llee Yerusaalemii fi arddii Yihuda'aa mara irraa, naannoo Yordaanosii mara irraa'llee, namoonni gara Yohaannisii ni dhufan ture. Cubbuu isaanii himata'aa, laga Yoordaanosii, harka Yohaannisii titti ni cuuphaman turan. Garuu Yohaannis Fariisotaa fi Saduuqoota keessaa baay'een isaanii cuuphamu'uuf gara isaa yoo dhufan yeroo argetti, akkana isaaniin jedhe, «Isin ijoollee boofaa nana! Dheekkamissa dhufuu jalaa akka baataniif eennutu ufi isin eeggachiise? Eegasuu gara Waaqaa deebi'uu keessan hujii muldhisu hojjadhaa. ‹Nu'u ijoollee Abrahaamiiti› jechu'uun, waan jalaa baatan isinitti hin fakkaatin, Waaqinni dhagaayyii kanniin keessaa Abrahaamiif ijoollee kaasu'uufii ni danda'a, isiniin jedha. Amma garuu qottoon mukkiin jala kaayamee jira. Kanaaf mukinni firii mishaa hin daraare marrinuu, muramee gara ibiddaa titti ni gatama. Kunoo, ani gara Waaqaa titti akka deebitaniif bishaaniin isin ni cuupha, ka ana duubaan dhufu garuu Hafuura Qulqullu'uu fi ibiddaan isin ni cuupha, inni ana haalaan ni caala, ani kophee miila isaatuu baadhachu'uuf ka malee miti. Inni manshiin harka isaa ni jira. Isaan'llee ooddii haala misha'aan ni qulqulleessa. Qamadii'llee Gootaraa isaa titti ni galcha, ibbiqiin garuu ibidda hin badinneen ni guba.» Yeroo sanitti Yesus harka Yohaannisii titti cuuphamu'uuf, Galiilaa gara laga Yoordaanosii ni dhufe. Yohaannis'llee, «Kun ammoo hin ta'u, ani harka keetitti cuuphamuu yoo narraa malu, attamitti ati gara kiyya dhuftta!» jedhee, dhooguunii jala ni qabe. Yesus garuu, «Hujii qulqullaayomaa mara karaa kanaan raawwachuun waan nurraa maluuf, amma dhiis, akkuma kana haa taa'u» jechu'uun ni deebiseef. Yohaannis'llee dhimmichatti wolii galee Yesusiin ni cuupheen. Yesus cuuphamee bakkumatti akkuma bishaan keessaa bayeen samiin ni baname, Hafuurri Waaqaa'llee fakkeenna handari'iitiin bu'ee Yesusiin irra yoo taa'u ni arge. Yeroma sanitti, «Kunoo, ka ani itti gammadu fi jaaladhu, Ilmi kiyya kana» qooniqqi jedhu, sami'ii ni dhufe. Kanaan duubatti, Yesus sheexanaan akka qormmaatamuuf Hafuurri Waaqaa gara lafa gammoojji'ii ni fudhateen. Achitti'llee guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa eega soomeen duubatti, ni beelaye. Qormmaataan gara Yesusii dhufee, «Ati Ilma Waaqaa yoo taate mee, dhagaayyii kanniin buddeena akka ta'aniif ajaji!» jedheen. Yesus garuu, «Naminni ka jiraatu dubbii afaan Waaqaatii bayu maraan malee, buddeena qofaanii miti jedhamee barreeffamee jira» jedheen. Kanaan duubatti'llee sheexanni Yesusiin gara Magaalaa Qulqullittii, gara Yerusaalemii fidee, baaxii Mana Waaqeffanna'aa irra ni dhabachiiseen, «Miilli kee dhaga'aan akka hin gufanneef, ‹harka isaaniitiin akka si irkisan, maleyikkoota isaa siif ni ajaja› jedhamee barreeffamee jiraatii, Ilma Waaqaa yoo taate, asii irraa gara gadii mataa kee darbbi!» jedheen. Yesus'llee deebisee, « ‹Gooftaa Waaqa kee hin qormmaatniin!› jedhamee barreeffamee jira» jedheen. Deebi'ee'llee sheexanni Yesusiin gara gaara haalaan ol fagaatuu irra baaseenii, mootummoota biyya lafaa maraa ulfinna isaanii woliin itti muldhiseeti, «Kufttee yoo anaaf sagadde kana maraa siif ni kenna» jedheen. Yeroo sanitti Yesus, «Gooftaa Waaqa keetiif sagadi, isuma qofa'llee Waaqeffadhu! jedhamee barreeffamee jiraatii, ati sheexanni narraa fagaadhu!» jedheen. Kanaan duubatti sheexanni Yesusiin ni dhiiseen, maleyikkoonni'llee dhufanii, ni tajaajilaniin. Yesus hidhamuu Yohaannisii yeroo dhagayetti, gara arddii Galiila'aa ni deeme. Magaalaa Naazireetii'llee dhiisee, konyaa Zaabiloonii fi Niftaalemiitiin, garba ciisaa Galiila'aa biratti gara ka argamittuu gara magaalaa Qifirnaahoomii dhufee, ni jiraate. Kun'llee ka ta'e, nabiyyichi Isaayaas akkana jechu'uun dubbiin raagaa ka dubbate, akka raawwatamuuf, «Karaa gara garba ciisa'aa fiduu fi laga Yoordaanosiitiin gamatti ka argaman arddiin Zaabiloonii fi arddiin Niftaalemii, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ka Galiila'aa'llee, ummanni dukkana keessa jiraatu, ifa ol aanaa ni arge, arddii gaaddisa du'aa itti buuse worra jiraataniif'llee, ifin ni bayeef.» Yeroo sanii jalaqabee Yesus, «Mootummaan Sami'ii dhiyaatee jirttiitii, gara Waaqaa deebi'aa!» jedha'aa, lallabuu jala ni qabe. Yesus garba ciisaa Galiila'aa biraan yeroo dabrru qurxummii qabddoota ka turan obboleeyyan lamaan, isaan'llee Phexiros ka jedhame Simoonii fi obboleessi isaa Indriyaas, tabbaarrii isaanii gara garba ciisa'aa titti yoo darbbatan ni arge. Yesus'llee, «Kootaa ana horddofaa, akkuma qurxummii qabdanitti, namoota'llee akka wolitti naa qabddan isin ni taasisa» isaaniin jedhe. Isaan'llee bakkumatti tabbaarrii isaanii dhiisanii, isa ni horddofaniin. Achi bira'llee dabrree, ijoollee Zebdiwoosii ka ta'an kuunniin obboleeyyan lamaan, Yaaqoobii fi Yohaannisiin ni arge. Isaan'llee abbaa isaanii Zebdiwoosiin woliin hoboloo irra ta'anii, tabbaarrii isaanii suppha'aa uduma jiran, isaan ni waame. Isaan'llee bakkumatti hoboloo isaaniitii fi abbaa isaanii'llee, dhiisanii ni horddofaniin. Yesus'llee bakkeewwan woligayi'ii titti, isaan ni barsiisaa fi gammachuu dubbii Mootummaa Waaqaa'llee lallaba'aa, dhukkuba adda addaatii fi dhibe'een namoota qabaman fayyisa'aa, arddii Galiila'aa mara keessa ni naanaya ture. Maqaan isaa'llee biyya Soriya'aa mara keessatti waan dhagayameef, namoonni worra dhukkubaa fi dhibee adda addaatiin makkaraaran, worra hafuuronni battiiwwan irra bulan, dhukkuba gaggabdo'oo worra qabanii fi naafota mara'llee gara isaa ni fidan, inni'llee isaan ni fayyise. Arddii Galiila'aatii fi magaalaawwan kurnan irraayyuu, Yerusaalemii fi Yihudaa, laga Yoordaanosiitiin gamaa'llee namoonni dhufan baayi'een, Yesusiin ni horddofaniin. Yesus ummata isa horddofu baayi'ee yeroo argetti, gara gaaraa bayee ni taa'e, barattoonni isaa'llee gara isaa ni dhiyaatan. Akkana'llee jedha'aa isaan barsiisuu jala ni qabe, «Mootummaan Sami'ii ta isaanii waan taateef, jireenna isaanii ka hafuuraatiin hiyyeeyyii ta'uun isaanii worri itti dhagayamu, ka eebbifaman. Waaqinni jajjabinna waan isaanii kennuuf, worri gaddan ka eebbifaman. Gara laafeyyiin arddii waan dhaalaniif, isaa ka eebbifaman. Qulqullaayoma worri beelayanii fi worri dheebotan waan quufaniif, ka eebbifaman. Dhiifama waan argataniif, dhiifama worri taasisan ka eebbifaman. Waaqa waan arganiif worri onnee qulqulluu qaban, ka eebbifaman. Namoota jiddu'utti araaraa fi nageenna worri buusan, ijoollee Waaqaa waan jedhamaniif, ka eebbifaman. Waayee qulqullaayomaatiif worri ari'aman, Mootummaan Sami'ii ta isaanii waan taateef, ka eebbifaman. «Sababa kiyyaan namoonni yoo isin arrabssanii fi yoo isin ari'an, sobaan'llee maqaa keessan yoo balleessan gammadaa. Mootummaa Waaqaa titti gatiin argattan guddaa waan ta'eef gammadaa, ilili jedhaa'llee. Isiniin durana worra turan nabiyyoota irra'llee akkuma kana ari'amu'uu fi rakkinni'llee isaan irra gayee jira.» Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Isin akka sooqidda arddi'iit, garuu sooqiddi mi'aa isaa yoo dhabe, mi'aa isaa deebisee argachu'uuf ni danda'aa ree?» Gara alaa titti gatamu'uu fi miila namaatiin dhidhiitamu'uun alatti, ufi durana womaafuu hin fayyadu. «Isin ifa biyya lafaati, magaalaan Gaara irratti ijaaramtte dhokachu'uuf hin dandeettu. Namoonni ibisaa ibssanii mana keessa worra jiran maraaf akka ifuuf, bakka ol fugaatu irra ni kaayan malee, ginboolaa jala hin kaayan. Akkuma kana namoonni hujii keessan mishaa laalanii, Abbaa keessan ka sami'ii akka galateeffataniin, ifin keessan'llee namoota duratti haa ifu.» Dabalee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Seera waadaa duraaniitii fi barsiisa nabiyyootaa diigu'uuf ka dhufe isinitti hin fakkaatin, ani raawwachu'uu fi taasisu'uuf'llee dhufe malee, isaan diigu'uuf hin dhufnne.» Dhugaa isiniin jedha, sami'ii fi arddiin haga dabrrantti seerri marrinuu ni raawwatama malee, seera keessaa taraarriin takka yookiin tuqaan takkattiin hin diigamttu. Kanaaf ajajoota kanniin keessaa gad aanaa ka taate takkattimaa ka diiguu fi namoonni kuunniin'llee akkuma kana akka raawwataniif naminni barsiisu, Mootummaa Sami'ii titti gad aanaa ni ta'a. Garuu ajajoota maraa ka raawwatuu fi namoonni kuunniin'llee akka raawwatan naminni barsiisu, Mootummaa Sami'ii titti hangafa ni ta'a. Kanaaf qulqullaayoma keessan ka barsiisota seeraatii fi qulqullaayoma worra Fariisotaa yoo hin caalin, gonkumaa gara Mootummaa sami'ii titti akka hin aseenne isinitti ni hima. «Yeroo duraanii namoota ni jiran turaniif waan jedhamee dhageettanii jirttan, kun'llee, ‹hin ajjeesin, nama ka ajjeese itti ni murtteeffama› ka jedhu. Ani garuu isiniin ni jedha, obboleessa isaa irratti ka dallanu mara irrattuu ni murteeffama, akkuma kana obboleessa isaatiin, ‹ati ka faayiddaa hin qabnne!› jedhee, ka arrabssuun yaa'itti itti ni murteeffama, ‹gowwaa!› jedhee ka arrabsu mara irrattuu, ibidda asaabaatiin itti ni murteeffama.» Kanaaf ati kennaa kee furdda irratti Waaqaaf yeroo dhiyeesitutti, obboleessi kee ka sitti gadde jiraachuu isaa yoo yaadatte, kennaa kee furduma san durana kaayiitii deemiitii jalqaba obboleessa kee san woliin araarami, achiin duubatti deebi'iitii kennaa kee dhiyeessi. «Mormmataan kee si himatee isa woliin gara mana murti'ii yeroo deemittutti, uduma karaa irra jirttu dafiitii, mormmataa keetiin wolii gali. Kana ta'uu yoo dhabaate garuu mormmataan kee abbaa seeraatiif, abbaan seeraa'llee ka hidhuuf dabarssee si kenneeti, gara mana hidha'aa ni aseentta. Dhugaa siin jedha, ka sitti murttaaye saantibii muumme'ee kafalttee haga xumurttutti, gonkumaa achii hin baatu.» Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Hin Sagaagalin! Akka jedhame dhageettanii jirttan. Ani garuu, ‹dubarttii laalee ka isii hawween marrinuu, yeroo san onnee isaa titti, isii woliin sagaagale› isiniin jedha. Ijji tee ka mirgaa sababa cubbu'uu yoo sitti taate, baasiitii gatiin! Qaaminni kee marri gara ibidda asaabaa titti gatamuu irraa qaama kee keessaa kutaa tokko uduu dhabiddee, si woyya.» Harki kee ka mirgaa sababaa cubbu'uu yoo sitti ta'e, murii gatiin! Qaaminni kee marri gara ibidda asaabaa titti gatamuu irra qaama kee keessaa kutaa tokko uduu dhabiddee, si woyya. «Haadha worraa isaa ka hiiku marrinuu, ragaa hiikkamuu isi'ii muldhisu haa kennuuf!» jedhamee jira. Ani garuu, «Waayee sagaagalaatiin yoo ta'e malee, haadha worraa isaa ka hiiku marrinuu akka sagaagalttu isii taasisaan, ka ta hiikamitte fuudhu marri'llee sagaagalaa ni ta'a» isiniin jedha. «Akkuma kana namoota durssaniif'llee, ‹dharaan hin kakatinaa, garuu kakuu keessan Goofta'aaf raawwadhaa!› ka jedhame, dhageettanii jirttan. Ani garuu gonkumaa hin kakanna!» isiniin jedha. Samiin teessoo Waaqaa waan taateef, sami'iin'llee yoo ta'e, arddiin'llee bakka ijjata miila Goofta'aa waan taateef, arddi'iin'llee hin kakanna, magaalaa nugusa ol aana'aa waan taateef, Yerusaalemiin'llee hin kakanna. Rifeenissa mataa keetii keessaa takkattiiyyuu gurraattii yookiin adii taasisuu hin waan hin dandeenneef, mataa keetiin'llee yoo ta'e hin kakatin. Kanaaf haasofnni keessan, «Ee» yoo ta'e «Ee» yookiin «Miti» yoo ta'e «Mitii» haa ta'u. Kana irraa dubbiin hafe garuu, sheexana irraayyi. «Ijji waayee isaatiif, ‹ilkaan'llee waayee ilkaaniitiif› akka jedhame, dhageettanii jirttan. Ani garuu akkana isiniin jedha, nama hamaa isin irratti raawwatu gadoo hin bayina'aanii. Garuu boqoo kee ka mirgaa ka si dhayuuf, boqoo kee ka bita'aa garagalchiif. Naminni tokko kittaa kee fudhachu'uuf barbaadee yoo si himate, kootii kee'llee akka fudhatu dhiisiif. Naminni tokko, ‹anaan woliin karaa muraasa deemi!› jedhee, yoo si dirqamsiise ati ammoo karaa dachaa ta'e deemiif. Ka si kadhatuuf kenni, si irraa liqeeffachuu ka barbaaduuf, dide hin jedhaniin.» Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, « ‹Waahela kee jaaladhu, diina kee jibbi!› akka jedhame, dhageettanii jirttan. Ani garuu diinota keessan jaaladhaa, worra isiin abaaran eebbisaa, worra isin jibbaniif waan mishaa taasisaa, hamaa worra isin irratti raawwatanii fi worra isin ari'aniif'llee kadhadhaa!» Kana yoo raawwattan, Abbaa keessan ka samii jiruuf ijoollee ni taatan. Inni hamootaa fi worra mishaawwaniif'llee aduu ni baasa, akkuma kana qulqullaayotaa fi worra hamaa hojjataniif'llee rooba ni roobisisa. Namootuma isin jaalatan qofa yoo jaalattan gatii maal qabddan? Cubbamoonninuu kanuma raawwatanii mitii ree? Obbolummaa keessan qofa nagaya ka gafattan yoo ta'e, waan caalmaya qabu maal raawwattan? Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanneeyyuu kanuma ni raawwataa mitii? Kanaaf akkuma Abbaan keessan ka sami'ii mud-maleessa ta'e, isin'llee muda maleeyyii ta'aa. Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Namoonni nuuf haa argan jettanii hujii keessan mishaa namoota duranatti, raawwachuu irraa ufi eeggadhaa, yoo ta'uu dhabaate garuu, Abbaa keessan ka sami'ii biratti gatii woyiituu hin ariggattan.» «Kanaaf hiyyeesotaa yeroo arjjoomttantti, fakkeessitoonni bakka woligayii isaaniitii fi karaa mara irratti akkuma raawwatan, muldhachu'uuf hin raawwatinaa, dhugamaan isinitti ni hima, isaan gatii isaanii durssanii fudhatanii jiran.» Ati garuu kennaa arjjoomaa yeroo arjjoomttutti, waan harki kee ka mirgaa raawwatu, harki kee ka bita'aa hin beekin. Eegaa arjjoomnni kee dhossa'aan haa ta'u, dhossa'aan waan hojjatame ka argu Abbaan kee, gatii hujii kee misha'aa siif ni kafala. Yeroo kadhattantti akka worra fakeessitootaa hin ta'inaa! Isaan naminni akka isaanii arguuf jedhanii bakkeewwan woligayii isaatii fi karaa mara bira dhaabatanii, kadhachuu ni jaalatan. Dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii isaanii durssanii argatanii jiran. Ati garuu yeroo kadhattutti gara kutaa keetii aseen, balbala kee cufadhuutii gara ka dhossa'aan jiruu, gara Abbaa kee ka hin muldhanne kadhadhu, waan dhossa'aan hojjatame ka argu Abbaan kee'llee, gatii hujii kee misha'aa siif ni kafala. «Isin yeroo kadhattantti akka ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee, dubbii tasaa irra dedeebi'uu'uun hin haasayinaa, isaan baayi'inna irra dedeebi'u'uutiin Waaqinni kadhannaa isaanii waan isaaniif dhagayu itti fakkaata. Isin garuu, Abbaan keessan waan isin barbaachisu uduma isin isa hin kadhatiniin, durssee waan beekuuf, akka isaanii hin ta'inaa. Kanaaf isin akkana jedha'aatii kadhadhaa, ‹samii ka jiraattu yaa Abbaa keenna, maqaan kee haa galateeffamu, Mootummaan kee haa dhufittu, fedhiin kee akkuma sami'itti ta'e, akkuma kana ardi'itti'llee haa ta'u. Nyaata keenna ka guyya'aa, adha nuuf kenni. Akkuma nu'llee worra nu miidhaniif dhiifama taasfnnu, balleessaa keenna nuuf dhiisi, Hamaa jalaa nu baasi malee, gara qormaataa titti nu hin galchin, [Mootummaan, huminnaa fi ulfinni'llee, bara baraan keeti, Ameen.› »] «Balleessaa namootaatiif dhiifama yoo taasfttan, isaaniif'llee Abbaan keessan ka sami'ii, dhiifama ni taasisa. Balleessaa namootaatiif dhiifama yoo taasisuu dhabaattantan garuu, balleessaa keessaniif'llee Abbaan keessan ka sami'ii dhiifama isiniif hin taasisu.» Yesus'llee itti aanssee akkana ni jedhe, «Yeroo soomttanitti namoonni soomuun isaanii akka isaanii beekaniif, akka worra fuula isaanii jijjiiranii akka fakkeessitootaa, fuula keessan hin qaamessinaa, dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii isaanii fudhatanii jiran. Ati garuu yeroo soomitutti fuula kee miicadhu, mataa kee'llee dibadhu, haaluma kanaan, soomuu kee Abbaa kee ka dhossa'aan jiru malee, ka bira'aa eennu'llee hin beeku. Ka waan dhossa'aan hojjatame argu Abbaan kee'llee, gatii kee siif ni kafala.» Dabalee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Bili'ii fi danddiin bakka balleessanitti, hattoonni'llee cabbissanii bakka hatanitti, arrdii kana irratti mataa keessaniif qabeenna hin kuufanaa. Kana irra bili'ii fi danddiin bakka itti balleessu'uuf hin dandeenne, hattoonni'llee cabbissanii bakka hin hanne, sami'itti qabeenna keessan kuufadhaa.» Qabeenni kee bakka jirutti, onneen kee'llee achitti ni argama. Ijji ifa qaamaati, kanaaf ijji kee fayyaa yoo ta'e, qaaminni kee marri ifa ni ta'a, ijji kee fayyaalessa ta'uu yoo dhabaatte garuu, qaaminni kee marri dukkana ni ta'a. Eegaa ifin isin keessa jiru dukkana yoo ta'e, dukkanni hoo attam ka caalu ta'inna! «Naminni tokko gooftota lamaaf tajaajilaa ta'uuf hin danda'u, yookiin tokko jibba, ka bira'aa'llee ni jaalata, yookiin tokko ni kabaja, kaan ni tuffata, akkuma kana naminni tokko yeroo tokkoon, Waaqaa fi qarshi'ii tajaajilaa ta'uuf hin danda'u. «Kanaaf akkana isiniin jedha, ‹maal nyaanna? maal dhuginna? maal'llee uffannaa?› jechu'uun, waayee jireenna keessaniitiif hin sarddaminaa, nyaata irra jireenni, uffata irra'llee qaaminni hin caaluu ree? Mee gara sinbirroota samii irra bararanii laalaa, isaan hin facaasan, hin haaman, gootara'atti'llee hin galchan, garuu Abbaan isaanii ka sami'ii isaan ni nyaachisa. Eegaa isin sinbirroota irra haalaan ni caalttanii mitii ree? Haa ta'u malee isin keessaa sarddamu'uun umrii isaa irratti guyyaa tokko, dabalu'uuf ka dandda'u eennu? «Akkuma kana waayee uffataatiif maali'iif sarddamittan? Abaaboonni raasa'aa attamitti akka guddatan mee laalaa isaan huji'iin hin dadhaban, hin fooyan, garuu Solomoon'llee ulfinna isaa san maraan, isaan keessaa akka tokkoo titti hin uffanne, isiniin jedha. Eegaa adha mulidhatee boru ibidda keessatti ka gatamu marga raasa'aa, Waaqinni akkanatti ka uffiisu yoo ta'e, isin worra amantiin isinitti dhidhate nana! Isin ammoo attamitti caalchisee isinitti hin uffifnne ree! «Kanaaf, ‹maal nyaanna? Maal dhuginna? Maal'llee uffanna?› jedha'aa, yaadu'uun hin sarddaminaa. Kana argachu'uuf ammoo ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amannee ni barbaadan, isin kun marrinuu akka isin barbaachisu, Abbaan keessan ka sami'ii ni beeka. Isin garuu, durssa'aatii Mootummaa Waaqaatii fi qulqullaayoma isaa'llee barbaadaa, wonitti hafe marrinuu isiniif ni dabalama. Boru mataa isaatii ni sarddama, boruuf hin sarddaminaa, guyya'aan hammeenni isaatuu ni gayaan.» Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Isin irratti akka hin murtteeffamnneef, eennuun irratti'llee hin murtteessinaa, murtima kaaniin irratti murteessitaniin isin irratti'llee ni murtteeffama, akkuma kana safarttuma ittiin safarttaniin isiniif'llee ni safarama. Gudeelcha ija kee keessa jiru uduu hin argin, waayee maali'iitiif huuba ija obboleessa keetii keessa jiru laaltta? Akkuma kana ija kee keessa gudeelchi uduu jiru, obboleessa keetiin, ‹mee huuba ija kee keessa jiru siif haa baasuu!› attamitti jettaan? Ati fakkeessaa nana! Durssiitii gudeelcha ija kee keessa jiru baasi, saniin duubatti'llee, huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasu'uuf, qulqulleessitee ni argita.» «Waan Qulqulluu ta'e sariiniif hin kenniinaa, dooqan keessan'llee booyyeewwan duranatti hin gatinaa, booyyeewwan dooqan teessan miila isaaniitiin ni dhidhiitaniin, sariin'llee deebi'anii isin ni ciniinan.» «Kadhadhaa isinii kennama, barbaadaa ni argatan, balbala dhadhayaa isiniif banama, ka kadhatu marrinuu ni fudhata, ka barbaadu'llee ni argata, balbala ka dhadhayuuf'llee ni banama. Isin jiddu'uu finni isaa daabboo yoo kadhateen, dhagaa ka kennuuf eennu? Qurxummii yoo kadhateen, bofa ni kennamaaf ree? Eegaa isin hamaaleyyii taatanii uduu jirttan, ijoollee teessaniif waan mishaa kennuu eega beekittan, eegasuu, ka samii jiru Abbaan keessan ammoo worra isa kadhataniif, attam caalichisee waan mishaa isaaniif hin kennine!» Eegaa waan namoonni akka isinii raawwatan barbaaddan maraa, isin'llee isaaniif akkuma kana raawwadha'aafii, barsiifnni seeraa fi nabiyyootaa'llee ka jedhan kanuma. «Balbala dhipho'oon aseenaa, gara badi'ii titti balballi aseensisu baldhaa, karaan'llee gudda'a. Namoonni garasi aseenan'llee baayi'eewwan. Balballi gara jireennaa aseensisu garuu dhipho'oo, karaan'llee rakkisa'a» namoonni isa argatan'llee muraasota. «Kaldhoo hoola'aa uffatanii worra isinitti dhufan, keessa isaanii titti garuu akka yayyii buttu'uu kata'an, nabiyyoota dharaa irraa ufi eeggadhaa, Isaan'llee ka beekitan firii hujii isaaniitiin. Ximirroo qore'ee irraa firii woyinni'ii, qoree shishiikkoo irraa'llee firiin harbbu'uu ni guuramaa ree? Akkuma kana mukinni mishaan marrinuu firii mishaa ni daraara, mukinni badaan garuu firii badaa ni daraara. Mukinni mishaan firii badaa daraaru'uuf hin dandda'u, mukinni badaan'llee firii mishaa daraaru'uuf hin danda'u. Firii mishaa mukinni hin daraare marrinuu, muramee gara ibiddaa titti ni gatama. Kanaaf nabiyyoota dharaawwanii firii hujii isaaniitiinuu isaan ni beekittan. Yaa Gooftaa! Yaa Gooftaa! ka naan jedhu marrinuu gara Mootummaa Sami'ii titti hin aseenu, gara Mootummaa Waaqaa titti ka aseenu, fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu ka raawwatu.» Guyyaa murti'ii titti baayi'eewwan, yaa Gooftaa! yaa Gooftaa! Maqaa keetiin raaga hin dubbannee ree? Maqaa keetiin hafuurota jinni'ii hin baafnne ree? Maqaa keetiin'llee baasota baayi'ee hin taasfinnee ree? naan jedhan. «Ani'llee guyyaa sanitti ‹gonkumaa isin hin beeku! Isin hamaa raawwattoota ana irraa achi fagaadhaa!› isaaniin ni jedha.» «Dubbii kiyya kana dhagayee hujii irra ka oolichuun marri, nama isaa hunddee dhaga'aa irratti ka ijaare, nama qaruutee ni fakkaata. Roobinni roobe, lolaan lola'e, bubbeen'llee bubbiseeti mana san ni dhiibeen, haa ta'u malee, manni hunddee dhaga'aa irratti waan ijaarameef hin jiginne. Dubbii kiyya kana dhagayee ka hujii irra hin oolichine garuu, nama mana isaa cirracha irratti ijaare gowwaa fakkaata. Roobnni roobe, lolaan'llee lola'e, bubbeen'llee bubbiseeti mana san ni dhiibeen, manni'llee bakkumatti ni kufe, kufaatiin isaa'llee ol aanaa ni ta'e.» Yesus wonittoota kanniin dubbatee yeroo xumuretti, ummanni barsiisa isaa ni maalaliffatan. Ka baaseffatan'llee inni akka barsiisota isaanii ka seeraa titti uduu hin ta'in, akka nama aangoo qabuu titti, isaan barsiisa waan tureef. Yesus yeroo Gaara irraa bu'etti, namoonni haalaan baayi'e'ee ni horddofaniin. Yeroo kanatti namichi waashaye tokko dhufee sagadeefiiti, «Yaa Gooftaa! Yoo eeyyamtte ana fayyisu'uuf ni danddeetta» jedhe. Yesus'llee harka isaa diriirssee qaqabeeniiti, «Eeyyamee jira fayyi!» jedheen. Waashaye'llee bakkumatti waashayinna isaa irraa ni fayye. Kanaan duubatti Yesus, namicha waashayinna irraa fayyeen akkana ni jedheen, «Waan kana eennutti'llee hin dubbatin, garuu deemiitii fayyuu kee qeesicha kee titti muldhisi, ragaa isaanitti akka ta'uu danda'u, waayee fayyuu keetiitiif kennaa Museen ajaje, Waaqaaf dhiyeessi!» jedheen. Yesus gara magaalaa Qifrnnaahoomii yeroo aseenetti, ajajaan worra Rooma'aa ka dhibbaa tokko gara isaa dhiyaatee, kadhachu'uun, «Yaa Gooftaa, tajaajilaan kiyya naafa ta'ee, haalaan makkaraaru'uun, mana ciisee jira» jedheen. Yesus'llee, «Ani dhufee ni fayyisaan» jedheen. Ajajaan dhibbaa garuu akkana jechu'uun ni deebise, «Yaa Gooftaa! Ati gara mana kiyyaa akka aseentu'uuf ani nama malee miti, garuu dubbii tokko qofa dubbadhu, tajaajilaan kiyya'llee ni fayya. Ani mataan kiyyaa namoota aangoo qabaniif ajajamaa yoo ta'u, anaa gadi lolttoota ajaju ni qaba, isaan keessaa tokkoon, ‹deemi!› yoo jedhuun ni deema, ka bira'aatiin'llee, ‹koottu!› yoo jedheen ni dhufa, tajaajilaa kiyyaan'llee, ‹kana raawwadhu!› yoo jedhuun, ni raawwata.» Yesus'llee kana yeroo dhagayetti ni maalalffate, isa horddofan namoota turaniin'llee akkana ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, amantii hagana gayu guddaa ka qabu, nama tokko'llee Israa'eelumaan keessattuu hin arganne. Baayi'eewwan baya adu'uutii fi gara dhiyaatii ni dhufan, Abraahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobiin woliin'llee Mootummaa Sami'ii titti, nyaataaf ni taa'an. Dhaaltota Mootummaa kana ta'uun ka isaaniin malu turan garuu, gara dukkana ala jiruu titti ni gataman. Achitti'llee booyaa fi ilkaan qaruun ni ta'a.» Kanaan duubatti, Yesus ajajaa dhibbaatiin, «Deemi akka amantii keetii siif haa ta'u!» jedheen. Tajaajilaan isaa'llee saa'aatima sanitti ni fayye. Achii'llee Yesus gara mana Phexirosii yeroo aseenetti, soddaatiin Phexirosii dhukkuba oo'isee qaama gubuun dhukkubsattee, akka ciiftte ni arge. Harka isi'ii'llee yeroo qaqabetti bakkumatti dhukkubinni oo'isee qaama gubu gad dhiiseeniiti ni fayyite, kaatee'llee Yesusiin tajaajiluu jala ni qabdde. Yeroo dhiitetti'llee namoonni namoota jinni'iin qabaman dhukkubisatoota baayi'ee gara Yesusii ni fidan, inni'llee dubbii isaatiin hafuurota battiiwwan jinni'ii isaan keessaa ni baase, dhukubsatoota mara'llee ni fayyise. Kana'llee raawwachuu isaatiin nabiyyicha Isaayaasiin, «Inni dhibee keenna ni fudhate, dhukkubsata keenna'llee ni baadhate» raaginni jedhame, ni raawwatame. Yesus namoonni baayi'een naannaya isaa titti wolgayanii yeroo argetti, gara garba ciisa'aan gamaa akka ce'aniif, barattoota isaa ni ajaje. Kanaan duubatti barsiisaan seeraa tokko, gara Yesusii dhufee, «Yaa barsiisaa, gara ati deemittu mara si haa horddofuu!» jedheen. Yesus'llee, «Jeedallan boolla ni qaban, sinbirroonni qilleenssa irra bararan'llee mandhee keessatti boqatan ni qaban, Ilmi Namaa garuu matama ufiituu bakka itti boqachiisu hin qabu» jechu'uun ni deebiseef. Barattoota isaa keessaa'llee tokko, «Yaa Gooftaa jalqaba deemee abbaa kiyya akka awaaladhuuf naa eeyyami!» jedheen. Yesus'llee, «Ati ana horddof, du'oonni garuu du'oota isaanii akka awwaalaniif, isaan dhiisi!» jedheen. Yesus'llee gara hobolo'oo irraa yeroo bayutti, barattoonni isaa isa ni horddofaniin. Danbaliin ol aanaan garba ciisaa irratti waan ka'eef, danbaliin hoboloo garagalchee jala dibu'uun ni gaye, Yesus garuu rafee jira ture. Barattoonni isaa'llee gara Yesusii dhiyaatanii, «Yaa Gooftaa! Badu'uuf jiraatii nu oolichi!» jedhanii hirribaa ni kaasaniin. Inni'llee, «Isin yaa worra amantiin isinitti dhidhate nana! maali'iitiif sodaattan?» isaaniin jedhe. Saniin duubatti'llee Yesus ka'ee bubbe'ee fi garba ciisa'atti ni baanate, cadhisiinssi ol aanaan'llee ni ta'e. Namoonni'llee maalalffatanii, «Kun ka bubbe'ee fi ka garb ciisaan'llee ajajamaniif, nama attamiit?» jedhan. Yesus garba ciisaa Galiila'aa ce'ee gara Gergesenoon yeroo dhufetti, jinni'iin ka isaan qabee jiru namoonni lamaa, bakka awwaalaatii bayanii gara isaa ni dhufan, haalaan'llee hamaaleyyii waan turaniif naminni kumi'llee, karaa saniin dabrru'uuf hin danda'u ture. Isaan'llee, «Ati yaa Ilma Waaqaa, ati nu'uun woliin dhimma maal qabdda? Uduu yeroon hin gayin nu makkaraarsu'uuf dhufitte moo?» jedha'aa, ni iyyan. Isaan irra bakka muraasa achi fagaatee jirutti, gobbuun booyyeewwan baayi'een, bobbayee jira ture. Jinniiwwan'llee, «Ka nu baafttu yoo ta'e, yabo'oo garas, gara gobbuu booyyeewwanii nu ergi!» jechu'uun, ni kadhataniin. Yesus'llee, «Deemaa» isaaniin jedhe. Kanaaf namoota keessaa bayanii gara booyyeewwanii dhaqanii isaanitti ni aseenan. Booyyeewwan marri'llee qarree qile'ee irraa gatantara'aa bu'anii, garba ciisaa keessatti kufanii ni du'an. Tissitoonni booyyeewwanii'llee dheessanii, gara magaala'aa galaniiti waan maraa ni odeessan, waayee namoota jinni'iin qabaman irratti ta'e'llee ni dubbatan. Kanaan duubatti namoonni magaala'aa marrinuu Yesusiin laalu'uuf ni bayan, yeroo arganiinitti'llee, biyya isaaniitii bayee akka isaanii deemuuf ni kadhataniin. Kanaan duubatti Yesus hoboloo yaabachu'uun garba ciisa'aan ce'ee, gara magaalaa mataa isaa ni dhufe. Achii'llee namoonni siree irra ka ciisee jiru, nama naafa tokko qabatanii gara isaa ni fidan. Inni'llee amantii isaanii laalee naafttichaan, «Yaa ilma kiyya! Jabaadhu, cubbuun kee siif dhiifamee jira» jedheen. Yeroo kanatti barsiisonni seeraa tokko tokkoon isaan, «Naminni kun Waaqa irratti dubbii arrabaa ni dubbata!» jedha'aa, onnee isaanii titti ni yaadan. Yesus'llee yaada isaanii beekee akkana isaaniin ni jedhe, «Waayee maali'iitiif waan hamaa kana onnee keessantti yaaddan? Haa ta'u malee, ‹cubbuun kee siif dhiifamee jira› jechu'uu fi ‹ka'iitii deemi!› jechuu, kamittu irra salpha'a? Garuu Ilmi Namaa arddii irratti cubbu'uuf dhiifama taasisu'uuf aangoo akka qabu, akka beekitaniif» namicha naafttichaan, «Ka'ii siree kee baadhadhuutii, gara mana keetii deemi!» jedheen. Namichi'llee ka'ee gara mana isaa ni deeme. Ummanni'llee yeroo kana arganitti ni maalalffatan, aangoo akkana kana'llee namaa kennuu isaatiif, Waaqa galateeffadhaa. Yesus bakka sanii ka'ee deema'aa uduu jiru, Maatewos ka jedhame qaraacichi, bakka qaraxa wolitti itti qaban taa'ee argeeniiti, «Ana horddofi!» jedheen, inni'llee ka'ee ni horddofeen. Saniin duubatti Yesus mana Maatewosii titti nyaataaf taa'ee uduu jiru, worri qaraachonni baayi'eenii fi cubbamoonni, garas dhufanii Isaa fi barattoota isaa woliin nyaataaf ni taa'an. Fariisoonni kana arganii barattoota isaatiin, «Barsiisaan keessan qaraacotaatii fi fi cubbamootaan woliin, waayee maali'iitiif woliin nyaata?» isaaniin ni jedhan. Yesus'llee kana dhagayee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Dhukkubsattoota malee fayyaaleyyiin ogeessa fayya'aa isaan hin barbaachisu. Deemaa, ‹ani ka barbaadu dhiifama malee kitima'aa miti› jedhamee, ka barreeffame maal jechuu akka ta'e qoradha'aatii hubadhaa. Ani ka dhufeef qulqullaawota uduu hin ta'in, cubbamoota gara dhiifamaa titti waamu'uuf» isaaniin jedhe. Yeroo sanitti, barattoonni Yohaannisii gara Yesusii dhufanii, «Nu'uu fi Fariisoonni yeroo maraa ni soominna, barattoonni kee garuu ka hin soominne maali'iif?» jechu'uun, ni gaafataniin. Inni'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Ka fuudhu isaan woliin yoo jirutti, jaalonni gadduun isaan irraa ni malaa ree? garuu yeroon ka fuudhu isaan biraa itti fudhatamu ni dhufa, yeroo sanitti ni sooman. «Uffata moofe irratti subbee haarawa ka erbbu eennu'llee hin jiru, yoo erbbame garuu subbeen haarofnni uffata moofaa muree, qaawwa isaa caala'atti ni baldhisa. Akkuma kana qalqala bishaanii ka moofetti daadhii woyinni'ii haarawa ka kaayu eennu'llee hin jiru, yoo raawwatame garuu qalqalli ni dhooya, daadhiin woyinni'llee ni jiga, qalqalli'llee miidhamee faayida'aan ala ni ta'a. Daadhii woyinni'ii haarawa garuu qalqala haarawatti kaayuun ni mala, bifa kanaan'llee lamaanuu haalaan eegamanii ni jiraatan.» Uduma Yesus kana isaanitti hima'aa jiru, itti gaafatamaan bakka wolgayii isaanii tokko gara isaa ni dhufe, kallacha isaatiin'llee Yesusiin duranatti gonbbifamee, «Kunoo, mucattiin tiyya ammuma ana jalaa duute, garuu ati uduu dhufittee harka kee isii irra keettee ni fayyit» jedheen. Yesus'llee ka'eeti namicha horddofee ni deeme, barattoonni isaa'llee isa woliin ni deeman. Kunoo, woggaa kudha lamaa guutuu dhiiginni isi'ii jiga'aa ni makkaraartti ka turtte dubarttiin takka, yeroo sanitti gara duuba Yesusiin dhufittee, qaccee uffata isaa harka isi'iitiin ni tuqixxe. Kana'llee ka raawwatteef, «Uffatuma isaatuu uduu tuqee ni fayya» jettee, onnee isi'ii titti yaaddee waan turtteef. Yesus'llee ufi irra garagalee laaleeniiti, «Jabaadhu yaa intala tiyya! Amantiin kee si fayyisee jira» jedheen. Dubarttiin'llee bakkumatti ni fayyite. Kanaan duubatti Yesus gara mana itti gaafatamaa bakka woligayii isaanii yeroo gayetti, worri xurunbbaa gaddaa afuufttotaa ta'anii fi namoota asii fi achi wirttaaya'aa iyyu'uun booyan ni arge. Inni'llee, «Isin marri keessanuu asii baayaa! Mucattiin mugiddee jirtti malee hin duune!» isaaniin jedhe. Isaan garuu balddu'uun itti ni kolffan. Namoonni'llee eega bayaniin duubatti, Yesus gara kutaa mucattiin itti argamittuu aseenee harka isi'ii ni qabeen, isiin'llee ni kaate. Gurroon waan kanaa'llee biyya san mara keessatti ni dhagayame. Yesus bakka sanii ka'ee yeroo deemutti jaamonni lamaan ni horddofaniin, isaan'llee, «Yaa Ilma Daawiitii! Yabo'oo nu fayyis!» jedha'aa, ni iyyan turan. Yesus gara manaa yeroo aseenetti jaamonni'llee gara isaa ni dhiyaatan, inni'llee, «Ani kana raawwachuu akka danda'u, ni amantanii ree?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Ee, yaa Gooftaa!» jechu'uun, ni deebisan. Kanaan duubatti Yesus ijoota isaanii harka isaatiin qaqabeeti, «Akka amantii keessan isiniif haa ta'u!» isaaniin jedhe. Ijji isaanii'llee ni banaman, Yesus'llee, «Waan kana eennutti'llee hin himnaa!» jechu'uun, ciminnaan isaan ni ajaje. Isaan garuu deemanii, biyya san maratti waayee gurroo Yesusii ni odeessan. Namoonni ijji isaanii isaaniif baname'llee bayanii yeroo deemanitti, namoonni kuunniin namicha jinniin irra bule nama duudaa hin dubbanne tokko, gara Yesusii ni fidan. Jinniin'llee isa keessaa yeroo bayetti namichi duudaan ni dubbate, ummanni'llee, «Wonitti akkanaa kun biyya Israa'eelii keessattuu, gonkumaa muldhatee hin beekkamu!» jedha'aa, ni maalaliffatan. Fariisoonni garuu, «Inni jinniiwwan ka baasu, karaa itti gaafatamaa jinnooiiwwaniitiin» jedhan. Yesus'llee bakka woligayii isaanii titti barsiisa'aa, wongeela Mootummaa Waaqaa'llee lallaba'aa, ummata'llee dhukkubaa fi dhibee mara irraa fayyisa'aa, magaalotaa fi gandoota mara keessa ni naannaya ture. Ummanni garuu akka hoolota tissee hin qabnnee titti sarddamaniitii fi bitaa isaanitti ta'ee yeroo isaan argetti, isaanii ni gadde. Kanaaf barattoota isaatiin akkana jedhe, «Callaan baayi'e'e, hojjattoonni calla'aa garuu muraasa. Eegaa hojjattoota isaa gara hujii calla'aa titti akka erguuf, abbaa calla'aa kadhadhaanii.» Yesus barattoota kudha lamaan gara isaa waamee hafuurota battiiwwan akka baasaniif, dhukkubaa fi dhibee mara akka fayyisaniif aangoo isaanii ni kenne. Tarreen maqaa barattoota kudha lamaanii'llee akka itti aanee jiru, jalqaba Phexiros ka jedhame Simoonii fi obboleessi isaa Indriyaas, ijoolleen Zabdiyoosii Yaaqoobii fi Yohaannis, Filiiphoos, Bartolomewos, Toomaas, Maatewosii qaraxichi, ilma lilfiyoosii Yaaqoobii fi Taadeewos, Simoonii hinaaftticha Yesusiin dabarssee kennee fi, Yihudaa nama biyya Keriyoot. Yesus ergamittoota kudha lamaan kanniin ni erge, akkana'llee jedhee isaan ni ajaje, «Gara ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee hin dhaqinaa, gara magaalaa worra Saamraawotaa'llee hin aseeninaa, kana irraa gara worra akka hoolotaa badanii,, gara ummatoota Israa'eelii dhaqaa. Dhaqa'aatii'llee ‹Mootummaan Sami'ii dhiyaatee jirtti!› jedha'aa lallabaa. Dhukkubisattoota fayyisaa, worra du'an ni kaasa, waashayoota qulqulleessaa, jinniiwwan baasaa, waan bilisaan fudhattan bilisaan kennaa. Worqqii yookiin meeta yookiin sibiila diimaa, kiisii keessantti hin qabatinaa. Hojjatoota'aaf nyaanni ka isaa malu waan ta'eef, karaa keessaniif qaraciitii kitta'aa fi kophee, ulee'llee, hin qabatinaa. Magaalaa keessa aseenittan yookiin gandoota aseenttantti nama barbaachisaa ta'e eennuun akka ta'e qoradhaa, bakka san'llee gad dhiiftanii haga deemittanitti isaanumaan woliin turaa. Gara mana namaa yoo aseenttan nagaya gaafadhaa, manni nagaya keessaniif ka male yoo ta'e, nageenni keessan isa haa gayuun, ka hin male yoo ta'e garuu, nageenni keessan isiniif haa deebi'u. Naminni kumi'llee yoo ufitti isin fudhachuu dhabe yookiin dubbii keessan ka hin dhageenne yoo ta'e, mana san yookiin magaalaa san dhiifittanii yoo baatan, awwaara miila keessan dhadhawadhaa. Dhugamaan isiniin jedha, Guyyaa Murti'ii Waaqaa titti magaalaa san irra namoota Sadoomii fi Gamora'aatiif, adabbiin isaaniif ni diqqaataaf.» «Kunoo! Akka hoolotaa yayyiiwwan jidduu isin ni erga, kanaaf akka bofaa qaruuteewwan, akka handari'ii gara-laafeyyii ta'aa. Namoonni gara yaa'ii murtii dabarsanii isin ni kennan, bakka woligayii isaanii maratti'llee isin ni dhaanan, kanaaf namoota irraa ufi eeggadhaa. Waayee kiyyaan gara bulchitootaatii fi gara nugusotaa murti'iif waan fudhatamittaniif, isaanii fi ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne duranatti'llee, ragoota kiyya ni taatan, namoonni gara yaa'ii murtii titti yoo isin dhiyeessan, waan isin dubbattan yeroo sanitti isinii waan kennamuuf, ‹attamitti yookiin maal dubbanna?› jettanii, yaadu'uun hin sarddaminaa. Isin keessaa bulee ka dubbatu Hafuura Abbaa keessan ka sami'iiti malee, isinii miti. Naminni obboleessa mataa isaa du'aaf dabarssee ni kenna, akkuma kana abbaan ilma mataa isaa du'aaf dabarssee ni kenna, ijoolleen'llee maatii isaanii irratti diinumma'aan ni ka'an, du'aaf'llee dabarsanii isaan ni kennan.» Sababaa kiyyaan nama mara biratti ka jibbamttan ni taatan, garuu haga muumme'ee titti jabaatee ka dhaabatu ni fayya. Magaalaa tokkotti rakkinna isinitti yoo baay'isan gara bira'aa dheessaa, dhugamaan isiniin jedha Ilmi Namaa deebi'ee haga dhufutti, magaalota Israa'eelii mara woliin hin geettan. Barataan barsiisaa isaa hin caalu, tajaajilaan'llee Gooftaa isaa hin caalu. Kanaaf barataan akka barsiisaa isaa, tajaajilaan'llee akka Gooftaa isaa yoo ta'e ni gayaan. Abbaa manaa Bi'el Zebul jedhanii yoo waaman maatii isaa garuu maqaa hammaa ta'een attam hin waaninneen! «Eegaa namoota hin sodaatinaa, wonitti haguuggame ifa bayuun isaa hin hafu, ka bade'llee beekkamuun isaa hin hafu. Kanaaf waan ani dukkanaan isinitti himu isin ifatti dubbadhaa, hasaassi'iin waan dhageettan'llee bakka ol fagaatu irra baya'aatii ifatti barsiisaa. Foon ajjeesuu irra dabrranii lubbuu ajeesu'uuf ka hin dandeenne namoota hin sodaatinaa, kana irra lubbu'uu fi foon'llee ibidda asaabaa titti balleessu'uuf ka danda'u, Waaqa sodaadhaa. Sinbirroonni shishiikoon lamaan saantibii shaniin ni gurguramanii mitii ree? Haa ta'u malee, Abbaan keessan ka sami'ii uduu hin eeyyamin, sinbirroota shiikkoonuu, arddii irratti kufttee hin hafittu. Keessan garuu, rifeenissi mataa keessaniituu ka laakkayame. Eegaa isin garuu sinbirroota shiikkota irra haalaan waan caalttaniif, gonkumaa hin sodaatinaa.» «Nama duranatti ka ragaa naa bayu maraaf, ani'llee Abbaa kiyya ka samii jiru duranatti, ragaa ni bayaaf. Nama duranatti ka naa waakkatu mara garuu, ani'llee Abbaa kiyya ka sami'ii duranatti ni isa waakkadha.» Ani ka dhufeef nagaya arddii irratti fidu'uuf isinitti hin fakkaatin, ani woraana malee nagaya fidu'uuf hin dhufinne. Ani ka dhufe ilma dhiiraa abbaa isaa irratti, mucattii intalaa haadha isi'ii irratti, intala ilmaa soddaatii isi'ii irratti, diinumma'aan kaasu'uuf. Kanaafuu namaaf diinonni isaa, maatima mataa isaa ni ta'an. Ana irra abbaa isaa yookiin haadha isaa ka jaalatu, kiyya ta'uuf hin maluun, ana irra ilma isaa ka dhiiraa yookiin mucattii isaa ta intala ka jaalatu, kiyya ta'u'uun hin maluun. Fannoo mataa isaa baadhatee naminni ana hin horddofinne, kiyyaa ta'uun hin maluun. Lubbuu isaa fayyisu'uuf ka barbaadu marrinuu ni balleessaan, lubbuu isaa waayee kiyyaaf ka balleessuun marrinuu garuu, ni fayyisaan. Ka isin ufitti fudhatu ana ufitti fudhata, ana'llee ka ufitti fudhatu Waaqa Abbaa ana erge ufitti fudhata. «Nabiyyii maqaa nabiyyi'iitiin ka ufitti fudhatu, gatii nabiyyumma'aa ni argata, nama qulqullaayomaan maqaa qulqullaayoma'aatiin ka ufitti fudhatu, gatii qulqullaayomaat ni argata.» «Dhugamaan isiniin jedha, barataa kiyya ta'uu isaatiin, worra maandhotaa kanniin keessaa tokkoo, bishaanuma qabbanaayaa kubbaayaa tokkootuu naminni kennu, gatii isaa hin dhabu.» Yesus ajajoota kanniin barattoota kudha lamaanii eega kenneen duubatti bakka san dhiisee, gara magaalota dhiyeennaitti argamanii, lallabu'uu fi barsiisu'uuf ni deeme. Yohaannisiin cuuphaan mana hidha'aa uduu jiru, waayee hujii Kristosii dhagayuu isaatiin barattoota lama ergee, «Masihichi ni dhufa jedhame sun si'i moo? Yookiin ka bira'aa haa eeginnu?» jedhanii, Yesusiin akka gaafataniin ni taasise. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Deema'aatii waan argitanii fi waan dhageettan maraa, Yohaannistti himaa. Kunoo, jaamonni ni argan, hokkolttoonni qajeelanii ni deeman, waashayonni ni qulqullaayan, duudonni ni dhagayan, worri du'an ni ka'an, hiyyeeyyi'iif'llee wongeelli ni lallabama, Waayee kiyyaan ka hin shakkine, ka eebbifame.» Ergamoonni Yohaannisii eega deemaniin duubatti, Yesus waayee Yohaannisii akkana jechu'uun dubbachuu jala ni qabe, «Haa ta'u malee maal laalu'uuf gara gammoojji'ii baatan? Ooyyaa leemmanii ka bubbe'een sosocho'u laalu'uuf moo? Akkuma kana maal laalu'uuf baatan? Uffata bareede nama uffata laalu'uuf moo? uffata bareede worri uffatan ammoo mana nugusotaa titti ni argaman. Eegaa waayee maali'iitiif baatan ree? Nabiyyii laalu'uuf moo? Ee, gonkumaa ka nabiyyii haalaan caalu laalu'uuf isiniin jedha. Inni ‹kunoo dura dura keetiin deema'aa, karaa kee ka si qopheessu ergamaa kiyya si duranatti ni erga› jedhamee, ka barreeffameef. Dhugamaan isiniin jedha, namoota dubarttoonni dayan jiddu'uu, Yohaannisii chuuphaa ka caalu hin muldhanne. Garuu Mootummaa Sami'ii titti, ka isa irra diqqa'aatutu isa caala. Bara Yohaannisii cuupha'aatii jala qabee haga adhaa titti Mootummaan Sami'ii haalaan ni dhiibamitti, worri ciminnaan woldhaanan'llee ni argataniin.» «Barsiifnni nabiyyootaa marrinii fi seerri harka Muse'eetiin kenname'llee haga Yohaannisii chuupha'aa titti, raaga dubbatanii jiran. Eega waan isaan dubbatan fudhachu'uuf yoo eeyamttan, Eliyaasiin ni dhufa jedhame sun kunoot, Yohaannis kana.» Ka gurra dhagayu qabu haa dhagayu! «Garuu namoota bara kanaa maaliin wolitti isaan fakkeesina? Bakka yaaii'ii ta'anii waahellan isaanii waama'aa, ‹ulullee isinii ni afuufinne, isin hin sirbine! Faaruu booyaa isinii ni baafinnee, isin hin boonne!› ijoollee jedhan fakkaatan. Akkuma kana Yohaannisiin cuuphaan yeroo dhufetti, midhaan uduu hin nyaatnii fi daadhii woyinni'llee uduu hin dhugin dhufinnaan, ‹kana jinni'itu keessa jira!› ni jedhaniin, Ilmi Namaa ammoo nyaata'aatii fi dhuga'aa dhufinnaan, ‹kunoo, kun ammoo nyaataa fi dhugaatii ka jaalatu! Waahela qaraacotaatii fi cubbamoota'llee!› jedhaniin. Sirrii ta'uun ogumma'aa garuu, hujii isi'iitiin ni mirkanaaya.» Itti aansee'llee Yesus kaanniin caala'atti baasa baayi'ee magaalonni keessatti taasise, dhiifamaan gara Waaqaa titti waan hin deebi'niif, akkana jechu'uun isaan gilndisuu jala ni qabe. «Si'ii uunsha'a Koraazii! Si'ii uunsha'a Betsayidaa! Baasonni isin keessatti taasfaman, magaalota Xiiroos fi Sidoonaa titti taasfamanii uduu jiraataniitii, namoonni achi jiraatan turan uffata gaddaa uffataniitii fi daaraa ufi irratti firfirssanii duraan, gara Waaqaa ni deebi'an turan! Kanaaf Guyyaa murti'ii titti, isin irra Xiiroosii fi Sidoonaa ni jiraatan worra turaniif, adabbiin isaanii ni salphata isiniin jedha. Ati'llee ta haga sami'ii titti ol jette Qifirnaahoom! Gara sioolii gad ni buuta! Baasonni si keessatti taasfaman, Sidoomtti taasfamanii uduu jiraataniitii, magaalattiin sun uduu hin badin, haga adhaa titti ni jiraatti turte! Kanaaf dhugamaan siin jedha, Guyyaa murti'ii titti si irra, Sodoomii adabbiin ni salphataaf!» Yeroo sanitti Yesus akkana ni jedhe, Gooftaa sami'ii fi arddi'ii yaa Abbaa! Waan kana ogeessotaa fi beekitotaa jalaa dhositee worra waa hin beekinnee waan ibisiteef, si galateeffadha. Ee, yaa Abbaa, kana raawwachu'uuf fedhii kee mishaa, ta'ee jira. Abbaan kiyya waan maraa naaf kennee jira, Waaqa Abbaa malee Ilma ka beeku eennu'llee hin jiru. Akkuma kana Ilma malee Waaqa Abbaa ka beeku hin jiru, eennu'llee Ilmi yoo isaa ibiseef malee Waaqa Abbaa beeku'uuf hin danda'u. «Isin worri hujii huminnaatiin dadhabiddan nana! Ba'aan'llee ka isinitti ulffaate marrinuu gara kiyya koottaa! Ani'llee boqannaa isinii ni kenna. Qambara kiyya ufi irratti baadhadhaa, ana irraa'llee baradhaa, ani'llee gara laafessaa fi kaso'o, lubbuu teessaniif'llee boqannaa ni argattan. Qambarri kiyya laafa'a, ba'aan kiyya'llee salpha'a.» Yeroo sanitti Yesus Guyyaa Sanbbataatiin qonna qamadi'ii keessan ni dabrraayyu ture, barattoonni isaa'llee beelayanii waan turaniif asheeta qamadi'ii muranii sukkumanii nyaachuu jala ni qaban. Fariisoonni kana arganii Yesusiin, «Laali! barattoonni kee guyyaa Sanbbataatiin waan hin eeyyamin ni raawwatan!» jedhaniin. Yesus'llee akkana isaaniin jedhe, «Daawiitii fi namoonni isa woliin ni jiran turan yeroo beelayanitti, waan Daawiitii raawwate gonkumaa isin hin dubbifanne moo? Inni gara Mana Waaqaa aseenee qeesotaa malee isa ta'ee, namoonni isa woliin turan'llee akka nyaataniif ka isaanii hin eeyyamin, hibsittii qulqullaayome ni nyaate. Akkuma kana qeesonni guyyaa Sanbbataatiin Mana Waaqeffanna'aa titti Sanbbataa yoo diigan balleessaa ta'ee akka isaanitti hin laakkayamnne, seera karaa Muse'eetiin kenname keessatti waan barreeffame isin hin dubbifinne moo? Garuu ka Mana Waaqeffanna'aa caalu kunoo, asi ni jira isiniin jedha. Dabalee'llee, ‹ani ka barbaadu dhiifama malee kitima'aa miti› ka jedhu dubbiin kitaabaa maal akka ta'e uduu hubattaniitii, namoota balleessaa hin qabnne irratti hin murtteesitan ture. Gonkumaa Ilmi Namaa Gooftaa Sanbbataati.» Yesus bakka sanii ka'ee gara bakka wolgayii isaanii ni aseene, Achi'llee namicha harka naafaa tokkotu jira ture, Yesusiin waan ittiin himatan namoonni barbaadan tokko tokko, «Guyyaa Sanbbataatiin dhukkubsataa fayyisuun eeyyamamee jira ree?» jechu'uun ni gaafataniin. Yesus'llee akkana isaaniin jedhe, «Isin keessaa hoolaa tokko ka qabu, hoolaan isaa Guyyaa Sanbbataatiin boolla keessatti yoo jalaa kufe, harkisee ka hin baafnneen eennu? Eegaa, hoolaa irra naminni attamitti hin caallee! Kanaaf guyyaa Sanbbataatiin waan mishaa raawwachuun ka eeyyamame.» Kanaan duubatti Yesus namicha harka naafaatiin «Harka kee diriirssi!» jedheen. Inni'llee yeroo diriirssetti harki isaa fayyee, akkuma harka fayyaalesaa ni ta'eef. Fariisonni garuu achii bayanii Yesusiin attam taasisanii akka ajjeesaniin, ni mari'atan. Yesus garuu marri isaanii hama'aa beekee bakka san dhiisee ni deeme, namoonni baayi'een'llee isa horddofanii ni deeman, worra dhukkubisatan mara'llee ni fayyise. Namootaan garuu waayee isaa eennutti'llee akka hin himnneef isaan ni ajaje, kun'llee ka ta'e raaginni nabiyyicha Isaayaasiin dubbatame, akka raawwatamuuf. «Kunoo! Tajaajilaan kiyya ka ani filadhe kana! inni'llee ka ani jaaladhuunii fi itti gammadu, Hafuura kiyya isa irra ni kaaya, inni'llee murttii qajeelaa ummatootaaf ni labissa. Inni hin mormmu, yookiin hin iyyu, karaawwan irratti'llee qoonqqa isaa ka dhagayu hin jiru. Ooyyaa leemmanii tumamee bullaaye'llee, hin cabssu, jirbii aarttu ta dungoo'llee hin dhaamissu, kana'llee ka raawwatu, haga murtiin qajeelaan, injifatee moo'attuuf. Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne'llee, isa abddii ni taasfatan.» Kanaan duubatti namoonni namicha jinniin irra bule, jaama'aa fi duudaa hin dubbanne tokko, gara Yesusii ni fidan, Inni'llee ni fayyiseen, namichi'llee dubbachu'uu fi laaluu'llee ni danda'e. Ummanni marri'llee maalalffatanii, «Kun Ilma Daawiitii ta'innaa?» jedhan. Fariisoonni garuu kana yeroo dhagayanitti, «Inni ‹Bi'el Zebul› ka jedhamee, karaa itti gaafatamaa jinnooiiwwaniitiin yoo ta'e malee, jinnii hin baasu» jedhan. Yesus'llee yaada isaanii beekee akkana isaaniin ni jedhe, «Mootummaan tokko adda qoodamee ufii isaatii ka wolitti bu'u yoo ta'e, mootummaan sun ni kufa. Akkuma kana magaalaan tokko yookiin maatiin tokko, ufii isaatii adda yoo fooyame jabaatee jiraachu'uuf hin danda'u. Sheexanni'llee sheexana ka baasu yoo ta'e, ufii isaatiiyyuu gargar fooyame jechu'u, eegaa mootummaan isaa attamitti jabaatee jiraachu'uuf danda'a ree! Akkuma kanaan'llee ani jinniiwwan ka baasu Bi'el Zebuliin yoo ta'e, ijoolleen teessan hoo, maali'iin isaan baasan? Kanaaf ijoolleen teessanuu isin irratti ni murteessan. Ani jinnii ka baasu Hafuura Waaqaatiin yoo ta'e garuu, eegaa Mootummaan Waaqaa isinitti dhufittee jirtti jechu'u.» Akkuma kanaan naminni tokko durssee jabaa uduu hin hidhin gara mana nama jaba'aa aseenee, qabeenna isaa saamu'uuf attamitti danda'a? Jabaa eega hidheen duubatti garuu, qajeelatti qabeenna isaa saamu'uuf ni danda'a. Ka anaan woliin hin ta'in marrinuu, mormmataa kiyya, ka ana woliin wolitti hin qabanne'llee, ni bittinneessa. Kanaaf naminni ka raawwatu cubbuun kamiiyyuu yookiin jecha arrabaa maraafuu dhiifamnni ni taasfamaaf isiniin jedha, Hafuura Qulqulluu irratti dubbii arrabaa nama dubbatuuf garuu, balleessaa isaatiif, dhiifaminni hin taasfamuuf. Ilma Namaa irratti dubbii arrabaa ka dubbatu maraaf balleessaa isaatiif dhiifaminni ni taasfamaaf. Hafuura Qulqulluu irratti dubbii arrabaa ka dubbatu maraaf garuu, biyya lafaa kanatti ta'ee biyya lafaa ka dhufttutti'llee, balleessaa isaatiif dhiifaminni hin taasfamuuf. «Mukin marrinuu firii isaatiin waan beekkamuuf muka mishaa qabaadhaa, firiin isaa'llee mishaa ni ta'a, mukinni badaa yoo ta'e garuu firiin isaa'llee badaa ni ta'a. Isin yaa ilmaan bofaa! hamaaleyyiiwwan yoo taatan, waan mishaa dubbachu'uuf attamitti dandeettan ree? Naminni afaan isaatiin dubbatu, onnee isaa guutee waan hafe.» «Naminni mishaan galmmee isaa mishaa irraa, waan mishaa ni baasa, naminni hamaan'llee galmmee isaa hamaa irraa, waan hamaa ni baasa. Dhugamaan isiniin jedha, naminni maalttu nu dhibe'een ka dubbatan jecha tokko tokkoofuu, guyyaa murti'ii itti ni gaafataman. Jecha kee irraa ka ka'een siif ni murtteeffama, jechuma kee irraa ka ka'een'llee' sitti ni murtteeffama.» Yeroo sanitti barsiisonni seeraa tokko tokkoo fi Fariisoonni Yesusiin, «Yaa barsiisaa! Ati baasaa yoo taasfttu argu'uuf ni barbaanna!» jedhaniin. Inni garuu akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Hama'aa fi dhaloonni hin amanne baasa argu'uuf ni barbaada, garuu baasa nabiyyicha Yoonaasiitiin alatti, baafinni bira'aa hin kennamuuf. Yoonaas garaa qurxummii guddichaa keessa guyyaa saadihii fi halkan sadihi akkuma bule, akkuma kana Ilmi Namaa'llee awwaala keessa guyyaa sadihi fi halkan sadihi ni bula. Namoonni magaalaa Naanayee guyyaa murti'ii titti dhaloota bara kanaan woliin ka'anii isa irratti ni murteessan, namoonni Naanayee lallaba Yohaannisii yeroo dhagayanitti, cubbuu isaaniitiin gaddanii, dhiifamaan gara Waaqaa titti deebi'anii jiraniitii. Amma garuu ka Yoonnaasiin caalu asi ni jira. Mootittiin kibbaa ogummaa Solomoonii dhagayu'uuf daangaa biyya lafaatii waan dhuftteef, guyyaa murti'ii titti dhaloota bara kanaa woliin kaatee isa irratti ni murteessit, amma garuu ka Solomooniin caalu asi ni jira.» Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Hafuurri battiin nama keessaa yeroo bayetti, bakkee itti boqatu barbaadu'uun bakka bishaan hin jirre, bakkee gogeettii keessa ni naannaya. Garuu hin arigatu, kanaaf ‹gara mana keessaa bayee deebi'ee haa deemuu› jedha. Deebi'ee yoo dhufutti'llee, manni duwwaa ta'ee, qulqullaayee, qophaayee ni argata. Kanaan duubatti, hafuurri battiin deemeeti isaan irra worra hammaatan, kaanniin jinniiwwan torbaa qabatee ni dhufa. Isaan'llee gara duraan mana jinni'ii ture gara onnee namaa titti aseenanii, achi woliin ni jiraatan. Kanaaf haalli nama kanaa ka maa'ii ka jalqabaa irra, ka hammaate ni ta'a. Dhaloota hamaa kana irratti'llee ka ta'u, waanuma kana fakkaate.» Yesus'llee ummatatti uduma dubbata'aa jiru, haati isaatii fi obboleeyyan isaa isa dubbisu'uuf barbaadanii, ala dhabatanii jiran turan. [ Namoota achi turan keessaa tokko Yesusiin, «Kunoo haati keetii fi obboleeyyan kee, si dubbisu'uuf barbaadanii ala dhaabatanii jiran» jedheen.] Yesus garuu, «Haati tiyya eennu? Obboleeyyan kiyya hoo eennuun fa'a?» jechu'uun ni deebise. Kanaan duubatti harka isaa hiixatee gara barattoota isaa akeeka'aa akkana ni jedhe, «Haati tiyyaa fi obboleeyyan kiyya'llee kunoo kanniin, Samii ka jiru fedhii Abbaa kiyya ka raawwatu marrinuu, obboleessa kiyya, obboleetti'ii fi haati tiyya'llee isaan» jedhe. Guyyama sanitti Yesus manaa bayee garba ciisaa bira ni taa'e, namoonni baayi'een gara isaa dhufanii wolgayuu isaaniitiin hoboloo irra bayee ni taa'e, ummanni marri'llee garba ciisaa bira dhaabatanii ni jiran turan. Saniin duubatti'llee wonittoota baayi'ee fakkeennaan akkana jedha'aa, isaanitti himuu jala ni qabe, «Kunoo! Qotee bulaan tokko sanyii facaasu'uuf ni baye. Yoo facaasutti'llee sanyiin tokko tokko karaa biratti bu'eeti, sinbirroonni dhufanii ni nyaatan. Sanyiin bira'aa bakka biyyeen baayi'een hin jirre, lafa dhaga'aa irra ni bu'e, laftti'llee biyyeen baayi'een waan irra hin jirreef gad fageenna hin qabu ture, kanaaf sanyiin bakkumatti ni baye. Haa ta'u malee yeroo aduun baatetti ni qaamaye, hidda waan hin qabneef'llee ni goge. Sanyiin bira'aa'llee lafa ximirroo qore'ee jidduu ni bu'e, qoreen ximmirroon'llee guddateeti, biqillittuu sanyi'ii hudhee ni hanbiseen. Sanyiin bira'aa'llee lafa mishaa irratti bu'ee biqileeti, firii baayi'ee ni daraare, tokko dhibba, tokko jahaatama, tokko'llee firii soddomaa ni kenne. Ka gurra dhagayu qabu, haa dhagayu!» Kanaan duubatti barattoonni isaa gara Yesusii dhiyaatanii, «Waayee maali'iitiif ummatatti fakkeennaan dubbattaa?» jedhaniin. Inni'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Isiniif waayeen dhossaa Mootummaa Sami'ii beeku'uu kennamee jira, isaaniif garuu hin kennamnneef. Nama qabuuf ka caalu ni kennamaaf, ni baayi'ataaf'lle'e, nama hin qabnne irraa garuu ka qabu, irraa ni fudhatama. Uduu argan akka waan hin arginee, uduma dhagayan akka waan hin dhageennee yookiin akka waan hin hubannee waan ta'aniif kunoo, ani fakkeennaan isaanitti ni hima. Kanaaf nabiyyicha Isaayaasiin akkana jedhamee, isaan irratti ni raawwatama, ‹dhagayuu ni dhageettan, garuu hin hubattan, arguu'llee ni argitan, garuu onne'etti hin qabattan.› Onneen ummata kanaa hadooddee jira, gurri isaanii'llee duudee, ijji isaanii'llee dununfatanii jiran, akkana uduu ta'uu dhabaateetii, ija isaaniitiin laalanii, gurra isaaniitiin'llee dhagayanii, onnee isaanii titti'llee hubatanii, gara kiyya deebi'anii ani'llee isaan ni fayyisa ture.» «Keessan garuu ijji waan laalanii fi gurri keessan'llee waan dhagayuuf, ka eebbifaman.» Dhugamaan isiniin jedha, nabiyyoonni baayi'ee fi qulqullaayoman waan isin argitan argu'uuf hawwanii turan, garuu hin argine, waan isin dhagaya'aa jirttann'llee dhagayu'uuf hawwanii ture, garuu hin dhageenne. «Eegaa isin fakkeenni nama sanyii facaasuu maal akka ta'e dhagayaa, sanyiin karaa biratti bu'e ka muldhisu, dubbii Mootummaa Waaqaa dhagayee waayee nama hin hubanneeti, bakkumatti sheexanni dhufee onnee isaa keessatti dubbii facaafame, irraa ni fudhata, lafa dhaga'aa irratti sanyiin facaafame ka muldhisu, waayee nama dubbii isaa dhagayee bakkumatti, gammachu'uun fudhatuuti. Haa ta'u yeromaaf malee onnee isaa keessatti hidda gad hin fageeffanne, kanaaf sababa dubbii Waaqaatiin rakkinni tokko yookiin ari'ataminni yeroo isa irra gayetti, dafee ni gufata. Qoree ximmiraayaa jiddu'utti sanyiin facaafame ka muldhisu, waayee nama dubbii Waaqaa yero'oof dhagayuuti, haa ta'u malee yaadinni biyya lafaa kanaatii fi jaalalli qabeennaa gara onnee isaa aseenee, dubbicha waan dhudhuuf firii malee ni hafa. Sanyiin lafa mishaa irratti facaafame ka muldhisu, waayee nama dubbii isaa dhagayee hubanna'aan fudhatuuti, inni'llee firii ni daraara, tokko dhibba, tokko jahaatama, tokko firii soddomaa» ni kenna. Akkuma kana Yesus akkana jechu'uun fakkeenna bira'aa isaanitti ni hime, «Mootummaan Sami'ii oorruu isaa ta qonnaa titti nama sanyii mishaa facaase fakkaati, garuu naminni marrinuu eega rafeen duubatti diinni dhufeeti qamadii keessatti, ingirdaada facaasee ni deeme. Qamadiin guddatee yeroo daraaretti, ingirdaan'llee yeroma sanitti ni muldhate. Kanaaf tajaajilttoonni abbaa bakka qonnaa gara isaa dhiyaatanii, ‹yaa Gooftaa, bakka qonna keetii keessatti sanyii mishaa facaafttee hin turree? Eegaa, ingirdaanni eessaa dhufe?› jedhaniin.» «Inni'llee, ‹kana ka raawwate diina› isaaniin jedhe. Tajaajiltoonni'llee, ‹eegaa deeminnee ingirdaadicha akka buqqifnnuuf ni barbaadaa ree?› jedhaniin. Inni garuu akkana jechu'uun isaanii ni deebisee, ‹hin ta'u ingirdaadicha yoo buqqifttanitti qamadii'llee woliin ni buqifttan. Kanaaf isaan dhiisa'aan, haga yeroo calla'aa titti qamadi'ii fi ingirdaan'llee wolumaan haa gudatan, yeroo calla'aa titti haamittotaan ingirdaada durssa'aatii buqqisaa, ibiddaan akka gubatuuf'llee nadoon hidhaa, qamadii garuu wolitti qaba'aatii gootaraa kiyyatti galchaa› isaaniin ni jedhe.» Yesus fakkeenna biraa'llee akkana jechu'uun isaanitti ni hime, «Mootummaan Sami'ii suuniffa'aa ka naminni tokko fidee, qonnaa isaa keessatti facaase fakkaatti. Isiin'llee sanyii maraa irra ta diqqaatte, yeroo guddatetti garuu biqilttuuwwan maraa ni caaltti, muka guddaa'llee ni taati, Sinbirroonni'llee dhufanii dameewwan mukichaa irratti mandheewwan isaanii ijaaratanii, irratti ni quphatan.» Dabalee'llee Yesus fakkeenna kana isaanitti ni hime, «Mootummaan Sami'ii daakuu kurree sadihii ka dubarttiin takka fiddee shiisha'aan wolitti bukeessite fakkaatti, shiishaan'llee miciqaan marri akka bukaayu ni taasise.» Yesus waan kana mara fakkeennaan ummatatti ni dubbate, fakkeenna malee womaayyuu isaanitti hin dubbanne. Kun'llee sababinni ta'eef, nabiyyichaan akkana jedhamee ka dubbatame akka raawwatamuuf, «Haasaya kiyya fakkeennaan ni ibisa, biyyi lafaa yeroo uumamee jalaqabee waan dhokatee jiru, ni dubbadha.» Kanaan duubatti Yesus ummata geegessee gara manaa ni aseene, barattoonni isaa'llee gara isaa dhiyaatanii, «Hiikkaa fakkeenna ingirdaadaa qonnaa nu hubachiis!» jedhaniin. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Sanyii mishaa ka facaase Ilma Namaati, qonni biyya lafaa kana, firiin mishaan ijoollee Mootummaa Waaqaati, ingirdaanni ijoollee sheexanaa. Ingirdaada ka facaase sheexana diina ta'e, callaan muummee biyya lafaati, haamittonni maleyikkoota, akkuma ingirdaanni buqqifamee, nadoo nado'oon hidhamee gubatu mara, muummee biyya lafaa titti'llee akkuma kana ni ta'a. Yeroo sanitti Ilmi Namaa maleyikkoota isaa ni erga, isaan'llee sababa cubbu'uu worra ta'anii fi hamaa raawwattoota mara, Mootummaa isaa keessaa wolitti qabanii ni baasan, gara ibidda wosiisaa titti'llee isaan ni gatan, achitti'llee booyaa fi ilkaan qaruun ni ta'a. Worri qulqullaayotaa garuu Mootummaa Abbaa isaanii keessatti, akka adu'uu titti ni ifan, ka gurra dhagayu qabu haa dhagayu!» Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Mootummaan Sami'ii qabeenna lafa qonnaa keessatti dhoffamee jiruu ni fakkaatti. Naminni tokko'llee qabeenna kana yeroo argatetti deebisee ni dhosse, baay'inna gammachu'uu irraa kan ka'een'llee deemeeti, waan qabu maraa gurguree qonna san ni bite.» Deebi'ee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Deebi'ee'llee Mootummaan Sami'ii daldalaa dooqa michuu bitu'uuf barbaadu fakkaatti, daldalaan'llee dooqa haalaan gatiin isi'ii guddaa ta'e yeroo argatetti, deemee waan qabu maraa gurgureeti, dooqa san ni bite.» Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Akkuma kanaan Mootummaan Sami'ii tabbaarrii gara garba ciisa'aa titti darbamtte ni fakkaatti, isiin'llee bifa maraan qurxummii ta wolitti qabddu, yeroo guutamttetti'llee qurxummii qabddoonni gara maddii garba ciisa'aa titti harkisanii ni baasaniin, taa'anii'llee qurxummii mishaa mishaa keessaa filanii meeshaa keessa ni kaayan, badaa garuu achi ni gatan. Muummee biyya lafaa titti'llee akkana ni ta'a, maleeyikkoonni dhufanii cubbamoota worra qulqullaayotaan adda ni fooyaniin. Hamaaleyyii garuu gara ibidda wosiisaa titti'llee isaan ni gatan, acitti'llee booyaa fi ilkaan qaruun ni ta'a.» Dabalee'llee Yesus, «Waan kana mara hubattanii jirttanii ree?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Ee, yaa Gooftaa!» jedhan. Inni'llee, «Eegasuu waayee dhossaa Mootummaa Sami'ii ka sirri'itti beeku barsiisaan seeraa, mana kuusaa meesha'aatii haarawa ka ta'ee fi moofaa ka ta'e ka baasu, abbaan qabeennaa fakkaata» jechu'uun, isaaniif ni deebise. Yesus'llee fakkeennota kanniiniin dubbatee eega xumureen duubatti, bakka sanii ni lixe. Gara biyya isaa gara magaalaa Naazireetii dhufee bakkeewwan wolgayii isaanii titti, ummata ni barsiisa ture, worri isa dhageeffatan marri'llee maalalffachu'uun akkana ni jedhan turan, «Naminni kun ogummaa kanaa fi hujii maalale'ee kana garamii fide? Kun ilmi muka boca'aatii mitii? Haati hoo Mariyaam ta jedhamtuu mitii ree? Obboleeyyan isaa hoo Yaaqoob, Yooseef, Simoonii fi Yihuda'aa mitii? Obboleettiiwwan isaa marrinuu, ka nu woliin jiranii mitii ree? Eegaa naminni kun ogummaa kana mara eessaa argate?» Waayee kanaan'llee isaan gufatanii uduu ufitti hin fudhatin ni hafan. Yesus garuu, «Nabiyyiin ka hin kabajaminne biyya isaatii fi mana isaa qofatti» isaaniin jedhe. Amanuu dhabuu isaaniitiin'llee Yesus bakka sanitti, waan baasaa baayi'ee hin taasfnne. Yeroo sanitti bulchaan kutaa biyya Galiila'aa ka ture Heerodis, waayee gurroo Yesusii ni dhagaye. Tajaajilttoota isaatiin, «Kun Yohaanisii cuupha'aa, inni'llee du'aa ka'ee jira, wonittoonni baasaa kunniin karaa isaatiin ka raawwataman kanaaf» isaaniin jedhe. Heerodis'llee Yohaanisiin qabssiisee mana hidha'aa titti hisiseenii jira ture, kana'llee ka raawwate haadha worraa obboleesa isaa Filiphosii ka turtte, sababa Heerodiyaada'aatiin. Yohaannis Heerodisiin, «Haadha worraa obboleessa keetii akka fuutuuf seerri siif hin eeyyamu!» jedheenii jira ture. Kanaaf Heerodis Yohaannisiin ajjeesu'uuf ni barbaadaan ture, garuu ummanni Yihudotaa akka nabiyyi'ii titti ni laalaniin waan tureef, ummata ni sodaate. Guyyaa dhaloonni Heerodisii itti kabajamutti intaltti Heerodiyaasii dhufittee, worra afeeramttoota duranatti sirba'aa, Heerodisiin ni gammachiiftte. Kanaaf'llee Heerodis, «Waan barbaaddu ana gaafadhu! Ani'llee siif ni kennaa!» jechu'uun kaku'uun waadaa ni aseeneef. Isiin'llee haadha isi'iitiin gorffamttee, «Mataa Yohaannisii cuupha'aa muriitii ammuma qori'iin naa kenni!» jetteen. Nugusichi'llee waan kanaan ni gadde, haa ta'u malee waayee kakuu isaatii fi waayee namoota isaan woliin nyaataaf ta'anii jiranii qaani'iif jedhee, mataan Yohaannisii muramee akka kennamuuf ni ajaje. Kanaaf gara mana hidha'aa nama ergee mataa Yohaanisii mana hidha'aa titti, ni murssiise. Mataa murame'llee qori'iin fidanii mucatti'iif ni kennan, isin'llee fiddee haadha isi'iitiif ni kennite. Barattoonni Yohaannisii'llee dhufaniiti reeffa isaa fuudhanii ni awwaalan, dhaqanii'llee waan kana Yesusitti ni himan. Yesus du'uu Yohaannisii yeroo dhagayanitti hoboloo yaabbateeti gara bakka udume'ee tokko adda isaa ta'uuf ni deeme. Ummanni'llee kana yeroo dhagayanitti magaalaa maraa baya'aa, miilaan ni horddofaniin. Yesus'llee hoboloo irra yeroo bu'etti ummata baayi'ee argee, garaa isaanii ni laafe, dhukkubisattoota'llee ni fayyise. Yeroo dhiitetti'llee barattoonni isaa gara isaa dhiyaatanii, «Bakki kun gammoojji'i, guyyaan'llee dhiyee jira, kanaaf ummanni gara gandoota dhiyeenna jiranii deemee, nyaata isaanii akka bitataniif, isaan geegessi!» jedhaniin. Yesus garuu, «Isin waan nyaatan isaaniif kennaa malee, akkanumaan deemuun isaanii hin malu!» isaaniin jedhe. Barattoonni isaa'llee, «Nu'u asii ka qabnnu, buddeena shanii fi qurxummii lama qofa» jedhaniin. Yesus'llee, «Isaanuma san gara kiyya naa fidaa!» isaaniin jedhe. Kanaan duubatti ummanni raasaa lafa margaa irra akka taa'an ni ajaje, buddeena shanii fi qurxummiiwwan lamaan ol fuudhee, gara sami'ii ol laaleeti kadhannaa galataa ni taasise, buddeena'llee kukkutee barattootaa isaa titti ni kenne, barattoonni isaa'llee ummataaf ni qoodan. Marrinuu nyaatanii ni quufan, hanbbaa hafe'llee barattoonni isaa, ginddoo kudha lamaa guutanii ni kaasan. Namoonni nyaatan'llee dubartti'ii fi ijoolle'een alatti, kuma shanii ka gayan dhiirota turan. Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin, «Haga ani ummaticha geegessutti hoboloo yaabbadha'aa ana durssa'aatii gara gamaa ce'aa» jechu'uun, isaan ni ajaje. Ummata'llee eega geegesseen duubatti kadhanna'aaf adda isaa gara gaara tokkoo irra ni baye, yeroo dhiitetti'llee Yesus achitti adduma isaa ni ture. Yeroo sanitti hoboloon garba ciisaa jidduu taatee, gara kallattii itti deemittutiin dudda gala bubbee bubbisuun dhayama'aa, danbaliin bishaanii garanaa garasitti akka malee ni taasisaan ture. Halkan keessaa saa'aatii sagaliin duubatti Yesus garba ciisaa irra tarkaanfata'aa, gara barattoota isaa ni dhufe. Barattoonni isaa'llee garba ciisaa irra tarkaanfata'aa yoo inni deemu yeroo arganiinitti, haalaan soodaatanii ni nayan, «Kun sawaala!» jedhanii'llee, soda'aan ni iyyan. Yesus'llee bakkumatti, «Jabaadhaa! Anaa hin sodaatinaa!» isaaniin jedhe. Yeroo sanitti Phexiros, «Yaa Gooftaa! Si eega taate, garba ciisaa irra tarkaanfata'aa gara kee akka dhufuuf ana ajaji!» jedheen. Yesus'llee, «Koottu!» jedheen. Kanaaf Phexiros hoboloo irraa bu'ee, gara Yesusii dhaqu'uuf garba ciisaa irra ni tarkaanfate. Garuu huminna bubbe'ee laalee ni sodaate, gara garba ciisa'aa keessaa gad liqimfamuu yoo jala qabetti'llee, «Yaa Gooftaa! Ana oolichi!» jechu'uun, ni iyye. Yesus'llee bakkumatti harka isaatiin hiixatee qabeeniiti, «Ati ka amantiin sitti hanqate nana! Waayee maali'iitiif shakkite?» jedheen. Yesusii fi Phexiros gara hobolo'oo yeroo bayanitti, bubbeen ni caldhise. Hoboloo irra worri turan marrinuu, «Dhugamattuu ati Ilma Waaqaa!» jedhanii, Yesusiif ni sagadan. Yesusii fi barattoonni isaa garba ciisaa ce'anii, gara arrdii Genssaarexii ni gayan. Namoonni biyya san turan'llee Yesusiin ta'uu isaa yeroo beekanitti, gara bakkeewwan naannaya jiranii mara wolitti erganii, dhukkubisattoota gara isaa ni fidan. Dhukkubisattoonni'llee qaccee uffata isaa qofa akka tuqan qofaaf ni kadhataniin. Worri tuqaniin marri'llee, dhukkuba isaanii irraa ni fayyan. Kanaan duubatti, Farisonni Yerusaalemii dhufanii fi barsiisonni seeraa gara Yesusii dhiyaatanii akkana jechu'uun ni gaafataniin, «Barattoonni kee maali'iif aadaa jaarsotaa diigan? Kunoo! Nyaata yeroo nyaatan harka isaanii uduu hin miicatin nyaatan!» Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebisee, «Isin aadaa teessan jabeessu'uuf jettanii, ajaja Waaqaa maali'iif diigiddan? Waaqinni, ‹abbaa keetii fi haadhaa kee'llee kabaji, abbaa yookiin haadha isaa irratti dubbii arrabaa ka dubbate du'aan ni adabama› jedhee, ajajee jira. Isin garuu, naminni tokko abbaa isaa yookiin haadha isaatiin, ‹gargaarssa ana irraa ni arggattan ture Waaqaaf kennaa taasisee dhiyeessee jira› yoo isaaniin jedhe, ‹naminni sun abbaa isaa [yookiin haadha isaa] kabajuu isa hin barbaachisu› jettan, kanaaf aadaa teessan jabeessu'uuf jettanii seera Waaqaa ni diigidan, isin sareeganttoota nana! Isaayaas waayee keessan akkana jechu'uun raaginni dubbate sirri'i, ‹ummanni kun afaanuma isaatiin ana kabaja, onneen isaa garuu ana irraa ka fagaate, aada'aa fi naamusa naminni baase akka seeraa taasisee barsiisa'aa, tasaan ana waaqeffata.› » Itti aansee'llee Yesus namoota gara isaa waamee akkana isaaniin ni jedhe, «Dhagayaa! Hubadha'llee! Nama ka batteessu afaan isaatii waan bayu malee, gara afaanii waan aseenuu miti!» Kanaan duubatti barattoonni isaa gara isaa dhiyaatanii, «Farisoonni waan ati dubbatte kana dhagayanii, akka gufatan beekittee jirta?» jechu'uun ni gaafataniin. Inni garuu akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Biqilttuun Abbaan kiyya ka sami'ii hin dhaabin marrinuu ni buqqifama, isaan jaamotaa fi jaamota worra eemaran waan ta'aniif isaan dhiisaa, jaamaan jaamaa yoo eemare lamaanuu boolla keessatti ni kufan.» Phexiros garuu Yesusiin, «Hiikkaa fakkeenna nu hubachiis» jedheen. Yesus'llee akkana ni jedhe, «Isin'llee haga ammaa titti worra hin hubanne turttanii ree? Gara afaanii wonitti aseenu marrinuu gara'aa gad bu'ee, gara alaa titti akka bayu hin hubattanii moo? Ka afaanii bayu garuu onnee keessaa baya, nama'llee ka batteessu isa. Hamaa yaaduu, nama ajjeesuu, sagaagaluu, gocha sagaagalaa raawwachuu, hatuu, dharaan ragaa bayuu, maqaa namaa balleessuu, kun marrinuu onnee namaa keessa ni baya. Nama ka batteessan wonittoota kanniin malee, harka hin miicaminiin nyaachuun, nama hin batteessu.» Yesus achii bayee gara magaalaawwan Xiiroosiitii fi Sidoonaa ni deeme, achiin duubatti'llee dubarttiin nama biyya Kana'aanii taate takka gara Yesusii dhufittee, «Ilma Daawiitii yaa Gooftaa! Mucattiin tiyya hafuura batti'iin qabamttee makkaraara'aa jirttiitii yabo'oo naaf nayi!» jedha'aa iyyite. Inni garuu waan tokko'llee isi'ii uduu hin deebisin ni caldhise, yeroo sanitti barattoonni isaa gara isaa dhiyaatanii, «Dubarttiin tun nu horddofa'aa waan iyyituuf, yabo'oo geegessiin!» jechu'uun ni kadhataniin. Inni'llee, «Ka ergameef mana Israa'eeliitii akka hoolotaa worra badan qofaaf» jechu'uun ni deebise. Dubarttiin garuu dhiyaatte miila isaa jalatti jilbbiiffatteeti, «Yaa Gooftaa! Yabo'oo ana gargaar!» jetteen. Yesus'llee, «Buddeenna ijoolle'ee fuudhee sariiniif gatuun waan malee miti!» jedhe. Isiin'llee, «Yaa Gooftaa sirri'i!, Garuu sariin'llee nyaata goofttota isaanii irraa hanbbaa bu'u ni nyaatan» jetteen. Yeroo sanitti Yesus, «Dubarttii nana amantiin kee gudda'a! Kanaaf akka fedhii keetii siif haa ta'u!» ni jedheen. Initaltti dubarttiin'llee yeroma sanitti ni fayyite. Yesus achii ka'ee gara garba ciisaa Galiila'aa bira ni dhufe, Garaa irra'llee ol bayee achi ni taa'e. Namoonni baayi'een hokkolttoota, jaamota, naafota, duudotaa fi dhukkubissattoota kaanniin'llee qabanii gara Yesusii ni dhufan, miila isaa bira'llee isaan ni teessisan, inni'llee isaan ni fayyise. Kanaaf ummanni duudonni yoo dubbatan, naafonni yoo fayyan, hokkolttoonni nagayaan yoo tarkkaanfatan, jaamonni yoo laalan yeroo arganitti baaseffatanii, Waaqa Israa'eelii ni galateeffatan. Yesus barattoota isaa waamee, akkana isaaniin ni jedhe, «Namoonni kunniin ana woliin guyyaa sadihi waan turanii fi waan nyaatan'llee waan hin qabnneef garaa isaaniif ni laafa, Yoo deemanitti'llee karaa irratti dadhabanii akka hin kufnneef, uduu womaa hin nyaatin, isaan geegessu'uuf hin barbaadu» jedhe. Barattoonni isaa'llee, «Eegaa, nama kana maraaf nyaata gayu gammoojjii kana keessatti eessaa arganna ree?» jedhaniin. Yesus'llee, «Buddeena meeqa qabddan?» jechu'uun, isaan ni gaafate. Isaan'llee, «Buddeena torbaa fi qurxummii didiqqoo muraasa ni qabnna» jedhaniin. Kanaan duubatti Yesus ummanni lafa irra akka taa'an isaan ni ajaje, buddeenna torbaa fi qurxummii'llee ol fuudhee, kadhannaa galataa ni taasise, kukkutee'llee barattoota isaatiif ni kenne, barattoonni isaa'llee ummataaf ni qoodan. Marrinuu nyaatanii ni quufan, ka hafe'llee barattoonni isaa wolitti qabanii, ginddoo torbaa guutuu hanbbaa ni kaasan. Namoonni nyaatan'llee dubarttootaa fi ijoolleen uduu hin lakkaayamin, dhiiraan kuma afurii ni turan. Kanaan duubatti Yesus ummata ni geegesse, hoboloo'llee yaabbatee gara kutaa biyya Magadoon ni deeme. Fariisootaa fi Saduqoonni gara Yesusii ni dhufan, isa qormmaatu'uu barbaadanii, «Sami'ii baasa nutti mulidhis!» jechu'uun ni gaafataniin. Inni garuu akkana jechu'uun isaanii ni deebise, [«Galgalatti samiin diimatee yoo argitan ‹caama ni ta'a› jettan, yoo bari'u ganama ammoo ‹samiin duumessa ta'ee diimatee jiraatii adha ni rooba› jettan, bifa sami'ii adda baasuu ni beekittan, garuu malikata bifa baraa adda baasuu hin dandeettan.] Dhaloonni hama'aa fi hin amanne malikata argu'uuf ni barbaada, garuu malikata nabiyyicha Yoonaasii malee, malikanni bira'aa hin kennamuuf.» Kanaan duubatti Yesus isaan dhiisee, gara bakka bira'aa ni deeme. Barattoonni isaa gara garba cisa'aan gamaa yeroo ce'anitti, waan irraafattaniif buddeena hin qabanne turan, Yesus'llee barattoota isaatiin, «Onne'etti qabadhaa, shiishaa worra Farisootaatii fi Saduqootaa irraa ufi eeggadhaa!» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Kana jechuun isaa yookiin waan nu'u buddeena hin qabatiniif ta'a» jechu'uun, ufi isaaniitii woliin ni haasayan. Yesus garuu yaada isaanii beekee akkana isaaniin jedhe, «Isin worra amantiin itti dhidhate nana! ‹waan nu buddeenna hin qabatiniif› jettanii, waayee maali'iif ufii keessan woliin haasofttan? Amma'llee isin worra hin hubanne moo? Buddeenni shanii nama kuma shaniif akka gayee fi hanbbaan hafe'llee, ginddoo guutuu hagamii akka kaafttan, hin yaadattanii? Akkuma kana buddeenni torbaa nama kuma afuriif akka gayee fi hanbbaa hafe'llee ginddoo hagamii guutuu akka kaafttan, hin yaadattanii ree? Eegaa ‹shiishaa Fariisotaatii fi Saduqootaa irraa ufi eeggadhaa!› jedhee isinitti yoo dubbadhu, waayee buddeenaa akka hin ta'in attamitti hin hubanne?» Barattoonni'llee, Yesus ufi eeggadhaa ka isaaniin jedhe, barsiisa worra Farisootaatii fi Saduqootaa irraayyi malee, shiishaa buddeenaa irraa akka hin ta'in ni hubatan. Yesus Filiiphoos Qiisaariyaa gara biyya jedhamuu yeroo gayetti barattoota isaatiin, «Namoonni Ilma Namaatiin eennu jedhaniin?» jechu'uun, isaan ni gaafate. Inni'llee, «Tokko tokko, ‹Yohaannisii Cuupha'aa› jedhan, kuunniin ‹Eeliyaas› jedhan, kuunniin ammoo, ‹Eermiiyaas yookiin nabiyyoota keessaa tokko› jedhan» jedhaniin. Yesus'llee, «Isin hoo anaan eennu naan jettan?» isaaniin jedhe. Yeroo sanitti Simoon Phexiros, «Ati Ilma Waaqa jiraata'aa Masihicha» jechu'uun, ni deebiseef. Yesus'llee akkana ni jedheen, «Ilma Yoona'aa yaa Simoon! Ati ka eebbifamitte! Kana ka si ibsse Abbaa kiyya ka samii jiru malee, namaa miti. Ani'llee akkana siin jedha, ati (Phexiros) siida'a, dhagaa bu'uraa, kana irratti woldaya kiyya ka amanti'ii ni ijaara, woldaya amanti'ii kiyya'llee huminni du'aatuu isii hin injifatuun. Kunoo, furtuuwwan Mootummaa Sami'ii siif ni kenna, ka ati ardditti irratti hiite sami'itti'llee ka hidhame ni ta'a, ka arddii irratti hiikite sami'itti ka hiikkame ni ta'a.» Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin inni Kristosiin ta'uu isaa eennutti'llee akka hin himnneef, isaan ni ajaje. Yeroo sanii jalaqabee Yesus barattoota isaatiin akkana isaaniin jechuu jala ni qabe, «Gara Yerusaalemii deemu'utu narra jira, achitti'llee jaarsotii, itti gaafatamoota qeesotaatii fi barsiisota seeraa irraa rakkinni narra ni gaya, ana ajjeesan, garuu guyyaa sadaffaa titti ni ka'a.» Phexiros garuu Yesusiin addumatti achi qabeenii, «Yaa Gooftaa! Gonkumaa hin ta'u, wonitti kun gonkumaa si irraa hin gayin!» jedha'aa, isatti baanachuu jala ni qabe. Yesus garuu ufi irra garagalee Phexirosiin, «Ati sheexana nana! Waan namaa malee ka Waaqaa waan hin yaadinneef, ati anaaf gufu'u» jedheen. Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin akkana isaaniin ni jedhe, «Ana horddofu'uuf ka barbaadu mataa isaa haa waakkatu, fannoo isaa'llee baadhatee ana haa horddofu. Lubbuu isaa fayyisuu ka barbaadu marrinuu ni balleesaan, lubbuu isaa waayee kiyyaaf ka balleessuun garuu, ni arigataan. Naminni qabeenna biyya lafaa mara yoo argate, lubbuu isaa garuu yoo balleesse, maal isa fayyada? yookiin naminni jijjiirraa lubbuu isaatiif maal kafaluu dandda'aa? Ilmi Namaa ulfinna Abbaa isaatiin ta'ee maleyikkootaan woliin ni dhufa, yeroo sanitti'llee tokkoo tokkoof akka hujii isaatiin, gatii isaa ni kafalaaf. Dhugamaan isiniin jedha, Ilmi Namaa ulfinna mootummaa isaatiin yoo dhufu haga arganitti, worra asi dhaabatan keessaa namoonni hin duune ni jiran.» Guyyaa jahaan duubatti Yesus Phexirosiin, Yaaqoobii fi obboleessa Yaaqoobii Yohaanisiin qofa fudhatee, adduma isaa gara gaara ol fagaatuu tokkoo, irra ni bayan. Achitti isaanuma duranatti bifitti isaa ni jijjiirame, fuulli isaa'llee akka adu'uu titti ni ife, uffanni isaa'llee adii ta'ee akka ifaa titti ni calaqise. Kunoo, Muse'ee fi Eliyaas Yesusiin woliin yoo dubbatan isaanitti ni mulidhatan. Yeroo sanitti Phexiros Yesusiin, «Yaa Gooftaa! Asi uduu jiraannee nuuf misha'a! Kanaaf yoo eeyyamtte tokko si'iif, tokko Muse'eef, tokko Eliyaasiif ka ta'an, daaseewwan sadihii haa ijaaru» jedheen. Uduma Phexiros kana dubbata'aa jiru duumessi ifaan isaan ni dayeesse, duumessa keessaa'llee, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhuu fi itti gammadu'llee kana, isa dhagayaa!» qooniqqi jedhu, ni dhufe. Barattoonni isaa'llee qoonqqa kana yeroo dhagayanitti haalaan waan nayaniif, kallacha isaaniitiin lafa irratti ni gonbbifaman. Yesus garuu gara isaanii dhiyaatee harka isaatiin isaan qaqabeeti, «Ka'aa, hin sodaatinaa!» isaaniin jedhe. Isan'llee ol jedhanii yoo laalan, Yesusiin malee eennuun'llee hin argine. Gaara irraa'llee uduma bu'aa jiran Yesus, «Ilmi Namaa du'aa haga ka'utti waan argitan kana eennutti'llee hin himnaa!» jechu'uun, barattoota isaa ni ajaje. Barattoonni isaa'llee, «Eegaa barsiisonni seeraa durissee ka dhufuu qabu Eliyaas maali'iif jedhan?» jechu'uun, Yesusiin ni gaafataniin. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Sirri'i, Eliyaas durssee ni dhufa, inni'llee waan maraa ni sirreessa. Garuu Eliyaas durumaanuu dhufee jira isiniin jedha, namoonni garuu hin beekinneen, kanaaf waan barbaadan maraa isa irratti ni raawwatan. Akkuma kana ammoo Ilmi Namaa harka isaanii titti, rakkinna fudhachuu ni qaba.» Yeroo sanitti barattoonni isaa Yesus wonitti dubbate, waayee Yohaanisii cuupha'aa ta'uun, isaa isaaniif ni gale. Yesusii fi barattoonni isaa sadiin gara ummataa yeroo deebi'anitti, naminni tokko gara Yesusii dhufee miila isaa jalatti jilbbiiffateeti akkana ni jedhe, «Yaa Gooftaa! Yabo'oo mucaa kiyyaa garaa laafiif, Dhukkubnni kuffisu ka jinni'ii qabeenii akka malee ni makkaraarssaan, ibidda irrattii fi bishaan keessatti'llee yeroo baayi'ee ni kufa. Gara barattoota keetii'llee fideenii ture, garuu fayyisu'uuniif isaan hin danddeenne.» Yesus'llee, «Isin ka hin amanne dhaloota dabaa nana! Haga yoomii titti isiniin woliin jiraadhaa? Haga yoomii titti'llee isinii obissaa? Mee mucaa gara kiyya fida'aanii!» isaaniin jedhe. Yesus jinni'itti ni baanate, jinniin'llee mucaa keessaa ni baye, mucaan'llee yeroma sanitti ni fayye. Kanaan duubatti barattoonni isaa adda isaa uduu inni jiru gara Yesusii dhufanii, «Nu'u jinnii kana baasu'uuf ka dadhabine maali'iitiif?» jechu'uun, ni gaafataniin. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Amantiin keessan dhidhuu waan ta'eef, dhugamaan isiniin jedha, amantii firii suuniffa'aa geetu uduu qabatanii gaara kanaan, ‹asii ka'iitii garasi deemi!› uduu jettaniinii ni deema, wonitti isin hin danddeenne tokko'llee hin jiraatu. [ Jinniin akkanaa kun garuu, kadhanna'aa fi soomaan yoo ta'e malee, gonkumaa hin bayu.»] Barattoonni isaa Galiila'atti yeroo wolgayanitti akkana isaaniin jedhe, «Ilmi Namaa harka namootaa titti dabarffamee ni kennama, Isaan'llee ni ajjeesaniin, garuu guyyaa sadaffaa titti, du'aa ni ka'a.» Barattoonni isaa'llee waan kanaan haalaan ni gaddan. Yesusii fi barttoonni isaa gara Qifirnaahoomii yeroo gayanitti, worra gibira Mana Waaqeffanna'aa wolitti qaban gara Phexirosii dhiyaataniiti, «Barsiisaan keessan gibira Mana Waaqeffanna'aa hin kafalu moo?» jechu'uun, ni gaafataniin. Phexiros'llee, «Ni kafala» isaaniin jedhe. Phexiros gara manaa yeroo aseenetti Yesus durssee, «Yaa Simoon Phexiros! Maal sitti fakkaata? Mootonni arddii tanaa gibraa fi ashuraa ka fudhatan, eennuun irraayyi? ijoollee isaanii irraayyi moo, yookiin namoota biyya alaa irraayyi?» jechu'uun ni gaafateen. Phexiros'llee, «Namoota biyya alaa irraayyi» jechu'uun, ni deebise. Yesus'llee akkana ni jedhe, «Eegasuu ijoolleen isaanii gibira kafaluu irraa bilisa jechu'uu kaa? Garuu gufuu akka isaanitti hin taaneef gara garba ciisa'aa deemiitii, hookkoo qurxummi'iin qaban darbadhu, qurxummii jalqabatti bayu qabi, afaan isaa'llee yeroo banittu keessatti qarshii ni argatta, qarshii san'llee fiddiitii waayee kiyyaa fi keetiitiif kafali.» Yeroo sanitti barattoonni isaa gara Yesusii dhiyaatanii, «Mootummaa Sami'ii titti ka maraa caalu eennu?» jechu'uun, ni gaafataniin. Yesus'llee daa'ima tokko waamee jidduu isaanii ni dhaabachiise, Akkana'llee ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, jijjiiramuu yoo dhabaattanii fi akka daai'maa yoo taatan malee, gonkumaa gara Mootummaa Sami'ii titti hin aseenttan. Akkuma daa'ima kanaa titti mataa isaa gad ka qabu, Mootummaa Sami'ii titti hangafa ni ta'a.» Daa'ima akkanaa kana maqaa kiyyaan ka ufitti fudhatu, ana ufitti fudhata. «Naminni kumi'llee anatti ka amanan maandhota kanniin keessaa tokko dogoggorssuu irra, dhagaan daakka'aa ulffaataan mormma isaa irratti hidhamee, gara garba ciisaa gad fago'oo titti gatamee uduu liqimffamee isaa woyya.» Itti ansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Sababaa wonittoota namoonni akka dogoggoran taasisaaniitiin, biyya lafaatiif uunsha'a!» Yoom'llee wonittoonni dogoggorssan dhufuun isaanii hin hafu, garuu dhufaatii waan dogoggorssa'aaniitiif ka'uumissa ka ta'u, nama sanii uunsha'a! Kanaaf ijji yookiin miilli kee cubbuu akka hojjatuuf yoo si dogoggorsse muriitii achi gatiin! Harka lama yookiin miila lamaa qabaattee gara ibidda bara baraa titti gatamuu irra, duundumaa yookiin hokkolaa taatee gara jireenna bara baraa titti galuu si woyya. Ijji kee'llee cubbuu akka hojjattuuf yoo si dogoggorsse baasiitii achi gatiin! Ija lamaan qabaattee gara ibidda asaabaa titti gatamuu irra, ija takkaa taatee gara jireenna bara baraa titti, galuu si woyya. Maleyikkoonni isaanii ka samii jiran yeroo maraa fuula Abbaa kiyya ka samii jiruu waan arganiif, maandhota kanniin keessaa tokkoma'llee akka hin tuffanneef ufi eeggadhaa. [ Ilmi Namaa'llee ka dhufeef, ka bade fayyisu'uuf.] Dabalee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Mee maal isinitti fakkaata? Nama tokko hoolota dhibba yoo qabaatee fi isaan keessaa tokko uduu jalaa baddee, sagaltamii sagilanuu gaara irratti dhiisee, ka bade tokko barbaadu'uuf hin deemuu ree?» Dhugamaan isiniin jedha, yeroo argatetti'llee ka hin badin sagaltamii sagal irra, hoolaa baddee argameen ni gammada. Akkuma kana Abbaan keessan ka samii jiru, maandhota kanniin keessaa tokko'llee akka badu hin barbaadu. «Obboleessi kee yoo si miidhe atii fi inni qoftti adda keessan ta'aatii balleessaa isaa itti himi, yoo si dhagaye deebi'ee obboleessa kee akka ta'u ni taasfttan, yoo si dhagayuu dide garuu ragummaan nama lamaa yookiin nama sadihiin waan mikanaayuuf, namoota lama yookiin nama sadihii qabadhuu, gara isaa dhaqi. Isaan'llee hin dhagayu yoo jedhe woldaya amanti'ii titti himi, woldaya amanti'iitiif'llee ka hin dhageenne yoo ta'e, akka nama amantii hin qabnneetii fi akka cubbamaa hin deebinee titti lakkaayiin.» «Dhugamaan isiniin jedha, ka arddii irratti hiitan sami'itti'llee ka hidhame ni ta'a, arddii irratti ka hiikittaniin, sami'itti ka hiikkame ni ta'a.» Akkuma kanaan'llee isiniin ni jedha, isin keessaa lamaan arddii irratti woma kamiinuu kadhachu'uuf woliigalanii yoo kadhatan, Abbaan kiyya ka samii jiru isaaniif ni raawwata. «Lama yookiin sadihi ta'anii bakka maqaa kiyyaan wolgeettanitti, ani jidduu isaanitti ni argama.» Yeroo sanitti Phexiros gara Yesusii dhiyaatee, «Yaa Gooftaa! Obboleessi kiyya yoo ana miidhe yeroo meeqa dhiifama haa taasisu? Haga yeroo torbbaati moo?» jechu'uun, ni gaafateen. Yesus'llee akkana ni jedheen, «Haga torbaatama yeroo torbbaati malee, haga yeroo torbaa qofa siin hin jedhu, kanaaf Mootummaan Sami'ii nugusa tajaajilttoota isaa woliin herreegachu'uuf barbaade fakkaatti, nugusichi herreegachuu yeroo jala qabetti qarshii kuma baayi'etti laakkayamu tajaajilaan liqaan isa irra jiru, tokko qabamee ni dhufe. Tajajilaan kun'llee liqaa irra jiru kafaluu waan dadhabeef inni mataan isaa, haati worraa isaatii fi ijoolleen isaa', qabeenni qabu marri'llee gurguramee, liqaan isa irra jiru akka kafalamuuf, gooftaan isaa ni ajaje. Tajajilaan garuu miila Gooftaa isaa jalatti jilbbiiffatee, ‹yaa Gooftaa! Yabo'oo naa obissi, maraa si kafala!› jechu'uun, ni kadhateen.» Gooftaan isaa'llee garaa laafeefiiti gad ni dhiiseen, liqaa'llee ni dhiiseef. «Garuu tajaajilaan sun achii bayee uduma deemuu irra jiru, waahela isaa ka woliin hojjatu ka qarshii dhibbaa ka liqeesseefii jiru argeeti, morma isaa hudhee qabee, ‹qarshii si liqeessee ture naa kafali!› jedheen. Tajaajilaan waahela isaa ta'e'llee miila isaa jalatti kufee, ‹Yabo'oo naa obissi, siif kafalaa!› jechu'uun, ni kadhateen. Namichi garuu ni dideen. Gonkumaa qabee deemeeti liqaa isaa haga kafalutti, mana hidha'aa titti ni hiisiseen. Akka isaa ka jiran waahellan isaa kuunniin kana yeroo argantti, haalaan ni gaddan, deemanii'llee maraa Gooftaa isaanii titti, ni himan. Gooftichi'llee tajaajilaa san waamisisee akkana ni jedheen, ‹ati tajaajilaa hamaa nana!› Waan ana kadhatteef liqaa san maraa siif ni dhiise, ‹eegaa akkuma ani liqaa kee siif dhiise, ati hoo tajaajilaa waahela kee ta'eef, liqaa isaa dhiisuun hin malu turee?› Kanaaf gooftaan isaa dalanee liqaa isa irra jiru maraa haga kafalutti, itti gaafatamoota mana hidha'aatiif dabarssee isa ni kenneen.» «Eegaa isin'llee tokko tokkoon keessan obboleessa keessaniif onne'een dhiifama yoo taasisu'uufii dhabaattan, Abbaan kiyya ka samii jiru'llee akkuma kana isin irratti ni taasisa.» Yesus kana dubbatee eega xumureen duubatti Galiila'aa ka'ee, laga Yoordaanosiitiin gamatti gara argamittuu gara arddii Yihuda'aa ni deeme. Ummanni baayi'een'llee ni horddofaniin, isaan keessaa'llee worra dhukkubisatan achumatti isaan ni fayyise. Yeroo sanitti Farisoonni gara isaa dhiyaatanii isa qormmaatu'uuf barbaadanii, «Naminni haadha worraa isaa sababa maali'iitiin akka isii hiikuun ni eeyyamamaaf?» jechu'uun, ni gaafataniin. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Waaqinni jalqaba dhiiraa fi dubarttii taasisee akka isaan uume, isin hin dubbifinne moo? Dabalee'llee ‹waayee kanaan naminni haadhaa fi abbaa isaa dhiisee haadha worraa isaa woliin wolitti ni makama, lamaanuu qaama tokko ni ta'an,› kanaaf isaan ammaa achitti qaama tokko malee lamaa miti. Eegaa ka Waaqinni wolitti maraaree tokko taasise, naminni addaan hin fooyin.» Farisoonni'llee, «Eegaa, Museen waayee maali'iitiif, ‹abbaan worraa haadha worraa isaatiif woraqaa ragaa hiikkamuu isi'ii muldhisuu kenneefii haa hiikuun!› jedha?» jedhaniin. Inni'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Museen haadha worraa keessan akka hiikitaniif ka isinii eeyyamame, onneen keessan jabaatee sababaa dhibiddoota ta'uu keessaniitiin, jalqaba garuu akkana hin turre. Ani garuu, ‹naminni tokko waayee sagaagalaatiin yoo ta'e malee, haadha worraa isaa hiikee, dubarttii bira'aa yoo fuudhe sagaagalee jira› isiniin jedha.» Barattoonni isaa'llee, «Haalli abbaa worraatii fi haadha worraa akkana eega ta'e, fuudhuu dhabuun waan woyyaa ta'e» jedhaniin. Yesus garuu akkana isaaniin jedhe, «Dandeettiin addaa worra isaanii kennameef malee, wonitti kun maraaf hin ta'u. Yakkatamoota ta'anii ka dhalatan ni jiran, worri naminni irraa yakkate'llee ni jira, Mootummaa Sami'iitiif jedhanii worri mataa isaanii akka yakkatama'aa taasisan'llee ni jiran, kanaaf kana fudhachu'uuf ka barbaadu, haa fudhatu.» Yeroo sanitti harka isaa isaan irra kaayee akka isaanii kadhatuuf, namoonni daai'mman gara Yesusii ni fidan, barattoonni isaa garuu namootatti ni baanatan. Yesus'llee, «Mootummaan Sami'ii akkana worra jiran kanaa waan taateef daai'mman dhiisa'aanii, gara kiyya haa dhufan, isaan hin dhooginaa» jedhe. Harka isaa'llee isaan irra eega kaayeen duubatti, bakka san dabrree ni lixe. Guyyaa tokko naminni tokko gara Yesusii dhufee, «Yaa barsiisaa! Jireenna bara baraa argachu'uuf waan mishaa maal raawwachu'utu, narraa mala?» jechu'uun, ni gaafateen. Yesus'llee, «Waayee waan misha'aa maali'iif ana gaafatta? Mishaa ka ta'e Waaqa tokko qofa, gara jireennaa aseenu'uuf yoo barbaadde garuu, ajajoota raawwadhu!» jedheen. Namichi'llee, «Ajajoota kamiin?» jedheen. Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Hin ajjeesin, hin sagaagalin, hin hatin, dharaan ragaa hin bayin, Abbaa keetii fi haadhaa kee'llee kabaji, ollaa kee akka mataa keetii taasisiitii jaaladhu, ajajoota jedhan» jedheen. Dargaggeessi'llee «Ajajoota kanniin raawwadhee jira, ka bira'aa wonitti ana jalaa dhidhatu maali'i?» jedhe. Yesus'llee, «Muda maleessa ta'uuf yoo barbaadde deemiitii waan qabddu maraa gurguriitii qarshii hiyyeesotaaf kenni, sami'itti qabeenna ni argatta, koottuutii'llee ana horddof!» jedheen. Dargaggeessichi garuu qabeenna baayi'ee ni qaba waan tureef kana yeroo dhagayetti, gadda'aa ni deeme. Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, nama dureessi gara Mootummaa Sami'ii titti galuun isaa, haalaan ulffaata'a. Dabalee'llee isiniin ni jedha, naminni dureessi gara Mootummaa Waaqaa titti aseennu irra, gaalli qaawwa marfe'eetiin uduu dabrree salphaa ni ta'a.» Barattoonni isaa'llee kana yeroo dhagayanitti haalaan maalalffatan, «Eegaa, ennutuu fayyu'uuf dandda'a ree?» jedhan. Yesus gara isaanii laalee, «Wonitti kun namaaf waan hin danda'aminne, Waaqaaf garuu marrinuu ni dandda'amaaf» jedhe. Yeroo sanitti Phexiros, «Kunoo, nu'u waan maraa dhiifinnee si horddofinnee jirra, eegaa, wonitti argannu maal ta'inna?» jedhe. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, Ilmi Namaa teessoo isaa ka ulfinnaa irra yeroo taa'u arddii haarawatti, horddofittoota kiyya worri taatan isin'llee, teessoowwan kudha lamaan irra ni teettan, gosoota kudha lamaan Israa'eelii irratti'llee ni murtteessitan. Waayee kiyyaaf jedhee manniin yookiin obboleeyyan, yookiin obboleettiiwwan yookiin abbaa yookiin haadha, yookiin ijoollee yookiin bakka qonnaa ka dhiise marrinuu, dachaa dhibbaan ni fudhata, jireenna bara baraa'llee ni argatta. Garuu amma worra durssitoota ka ta'an baayi'eenwwan'llee worra duuba irraa ni ta'an, worri duuba irraa ka ta'an'llee, worra dursitootaa ni ta'an.» «Mootummaan Sami'ii titti hojjattoota bakka biqilttuu woyinni'ii keessa hojjatan mindeessu'uuf, ganama obboro'oon ka baye abbaa bakka biqilttu'uu fakkaatti. Inni'llee tokko tokkoofuu guyya'aan dinaara tokko isaa kafalu'uuf wolii galee, hojjattoota gara bakka biqilttuu woyinni'ii titti ni erge. Gara saa'aatii sadihii titti bayee, hujii malee bakka yaa'ii worra dhaabatan namoota bira'aa ni arge, ‹isin'llee gara bakka biqilttuu woyinni'ii deema'aatii hojjadhaa, herreega isinii malu'llee isinii ni kafala› isaaniin jedhe. Isaan'llee gara bakka biqilttuu woyinni'ii ni deeman, dabalee'llee saa'aatii jahaa fi gara saa'aatii sagalii titti'llee bayee akkuma kana ni raawwate. Gara saa'aatii kudha tokkoo titti'llee bayee namoonni bira'aa'llee dhaabatanii isaan argateeti, ‹isin hoo guyyaa guutuu hujii malee asi ka dhaabattan, maali'iif?› jechu'uun, isaan ni gaafate. Isaan'llee, ‹nama nu mindeessu dhabinneeti› jedhaniin, inni'llee, ‹eegasuu isin'llee gara bakka biqilttuu woyinni'ii deema'aatii hojjadhaa!› isaaniin jedhe.» «Yeroo dhiyetti'llee abbaan bakka biqilttuu woyinni'ii itti gaafatamaa huji'iitiin, ‹hojjattoota waamiitii worra muummee irratti mindeeffaman irraa jalaqabddee, haga worra duran mindeeffamanii titti, gatii hujii isaanii kafali!› ni jedheen. Kanaaf worri sa'aatii kudha tokkotti mindeeffaman dhiyaatanii, tokko tokkoon isaanii dinaara tokko ni fudhatan. Worri jalqaba mindeeffaman yeroo dhiyaatanitti caala'atti waan isaanii kafalu isaanitti fakkaatee, ture, garuu isaan'llee tokko tokkoon isaanii qarshii kudha shanii, ni fudhatan. Qarshii fudhataniiti abbaa bakka biqilttuu woyinni'ii irratti akkana jechu'uun, ni guunguman, ‹isaan kunniin muummee irraan dhufanii ka hojjatan saa'aatii tokko qofaaf, garuu guyyaa guutuu oo'a adu'uutiin gubata'aa, nu'u worra huji'iin dadhaba'aa oolleen woliin, wol qixa isaan taasftte.› «Abbaan biqilttuu woyinni'llee hojjattoota keessaa tokkoon akkana jechu'uun ni deebiseef, ‹yaa waahela kiyya! Womaayyuu si hin miine, ka wolii galle guyya'aan dinaara tokko si kafalu'uufii mitii ree? Kanaaf, gayaa kee fudhadhuutii deemi, waan haga si'iif kennee kana ka duuba irraatiif'llee kennu'uuf ni eeyyame. Qabeenna mataa kiyyaatiin waan barbaade raawwachu'uuf mirga hin qabu moo? Yookiin ani arjjoomaa waan ta'eef, ati ni hinaafttaa moo?› » Kanaan duubatti Yesus, «Akkuma kana worra duuba irraa durssitoota, durssitoota ka ta'an'llee worra duuba irraa ni ta'an» jedhe. Kanaan duubatti Yesus gara Yerusaalemii ni deema ture, karaa irra uduma jiran'llee barattoonni isaa kudha lamaan, adda isaaa titti gara ufii fudhatee akkana isaaniin ni jedhe, «Kunoo, amma gara Yerusaalemii deemuu keenna, achitti'llee Ilmi Namaa itti gaafatamoota qeesotaatii fi barsiisota seeraatiif dabarffamee ni kennama, isaan'llee murtii du'aa itti ni murtteessan. Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef dabarsanii ni kennaniin, isaan'llee itti ni baldan, ni dhaananiin, ni fannisaaniin'lle'e, garuu guyyaa sadaffaa titti du'aa ni ka'a.» Kanaan duubatti haati ilmaan Zebdiwoosii ijoollee isi'ii woliin gara Yesusii dhiyaatteeti, isa duranatti'llee jilibbiiffattee waan tokko akka isi'ii taasisuuf ni gaafatteen. Yesus'llee, «Maal barbaadda?» isi'iin jedhe. Isiin'llee, «Mootummaa kee titti ijoollee tiyya kanniin lamaan, tokko mirga keetiin, tokko bitaa keetiin akka naa taa'an taasisi!» jetteen. Yesus garuu, «Isin waanuma kadhatanuu hin beekittan, ani yeroo dhiyo'otti ka dhugu duloo rakkinnaa dhugu'uuf ni dandeettanii ree?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Ee ni dandeenna!» jedhan. Yesus'llee, «Qajeelumaan duloo ani dhugu ta rakkinnaa ni dhugiddan, garuu namoota mirga kiyyaa fi bitaa kiyyaan akka taa'an ka taasisu anaa miti, bakkeen kun ka kennamu namoota Abbaan kiyya isaanii qopheessef.» Barattoonni kuunniin kudha lamaan kadhata kana yeroo dhagayanitti, obboleeyyan lamaantti ni dallanan. Yesus garuu mara isaaniituu waamee akkana isaaniin jedhe, «Itti gaafatamoonni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee bittoota ummata isaaniiti, durssitoonni isaanii'llee isaan irratti aangoo akka qaban ni beekittan. Isin jiddu'utti akkana ta'uun hin malu. Isin jiddu'utti garuu hangafa ta'uu ka barbaadu tajaajilaa keessan haa ta'u. Akkuma kana isin keessaa ol aanaa ta'uu ka barbaadu, garbcha keessan haa ta'u. Ilmi Namaa'llee tajaajilu'uuf fi baayi'eewwan fayyisu'uuf lubbuu isaa dabarssee kennu'uuf dhufe malee, akka isa tajaajilaniif hin dhufinne.» Kanaan duubatti Iyyaarikoo bayanii yeroo deemanitti, ummanni baayi'een Yesusiin ni horddofaniin. Kuunoo, karaa bira ka taa'an jaamonni lamaan karaa saniin ka dabrru Yesusiin ta'uu yeroo dhagayanitti, «Gooftaa yaa Ilma Daawiitii! yabo'oo nu marri!» jedha'aa ni iyyan. Ummanni'llee «Caldhisaa! jedhanii isaanitti ni baanatan, isaan garuu yaa Ilma Daawiitii Gooftaa! yabo'oo nu marri! jedha'aa, baayi'isaanii ni iyyan.» Yesus'llee dhaabatee isaan waameeti, «Maal akka isiinii taasisuuf barbaaddan?» isaaniin jedhe. Isan'llee, «Yaa Gooftaa! Ijji keenna akka nuuf banamu taasis!» jedhaniin. Yesus'llee, isaanii garaa laafeeti ija isaanii ni qaqabe, bakkumatti ijji isaanii ni argite, isaan'llee Yesusiin ni horddofan. Yesusii fi horddofttoonni isaa gara Yerusaalemii yeroo dhiyaatanitti, gara ganda Beetfaagee Gaara ejjerssaa titti argamuu yoo gayan, Yesus barattoota isaa keessaa lamaan akkana jechu'uun erge, «Gara ganda isiniin duranatti jiruu deemaa, achitti'llee harree hidhamtte takka ilmmayyoo isi'ii woliin bakkumatti ni argattan, hiika'aatii naa fidaa. Naminni kumi'llee waan tokko yoo isiniin jedhe ‹Gooftaan waan isaan barbaaduuf› jedhaanii, Inni'llee harriin bakkumatti isaan ni erga.» Kun'llee ka ta'e nabiyyichaan akkana jedhamee ka dubbatame akka raawwatamuuf, «Magaalaa Xiyoonii ta jedhamttu Yerusaalemiif, ‹kunoo, nugufnni kee gara laafessa ta'ee, harre'ee fi ilimmayyoo yaabbatee gara kee ni dhufa!› jedha'aatii itti himaa.» Barattoonni isaa'llee dhaqanii akkuma Yesus isaan ajaje ni raawwatan. Harree ilmmayyoo isi'ii woliin ni fidaniif, uffata isaan'llee harre'ee irratti ni raran, Yesus'llee san irraan ni taa'e. Ummata keessaa baayi'eewwan uffata isaanii karaa irratti ni afan, kuunniin ammoo baala mukaa mura'aa karaa irratti ni afan turan. Ummata dura dura ni deeman ka turan'llee, «Hosaa'inaa Ilma Daawiitiitiif Galanni haa ta'u! Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame! Hosaa'inaa! Galanni ol sami'itti Waaqaaf haa ta'u!» jedha'aa ni iyyan ture. Yesus gara Yerusaalemii yeroo aseenetti namoonni magaala'aa marrinuu, «Kun eennu?» jechu'uun, ni jeeqaman. Ummanni'llee, «Kun ardii Galiila'aa titti ka argamittu, Magaalaa Nazireetiitii ka dhufe Yesusii» jedhan. Kanaan duubatti Yesus gara Mana Waaqeffanna'aa ni aseene, achitti'llee namoota gurguranii fi bitan maraa ni baase. Minjaalota worra qarshii jijjiirttotaatii fi barcumoota worra handarii gurgurttootaa'llee ni garagalche. « ‹Manni kiyya mana kadhanna'aa ni jedhama› isin garuu goda saamittotaa, ni taasfttan!» isaaniin jedhe. Yesus Mana Waaqeffanna'aa keessa uduu jiru, jaamotaa fi hokkolttoonni gara isaa dhufaniiti, isaan ni fayyise. Garuu itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa, waan baasaa ka Yesus raawwate arguu isaaniitii fi daai'mman'llee Mana Waaqeffanna'aa titti, «Ilma Daawiitiitiif Hosaa'inaa! Galanni haa ta'u!» jedha'aa yoo iyyan, dhagayuu isaaniitiin ni dallanan. Kanaaf Yesusiin, «Daai'mman tunniin waan jedhan ni dhageettaa mitii ree?» ni jedhaniin, inni'llee, «Ee, ni dhagaya, ‹ijoolle'ee fi daai'mman harmma hodhan afaanii galata ni qopheessite› ka jedhu, gonkumaa hin dubbifinnee moo?» isaaniin jedhe. Isaan dhiisee'llee magaala'aa bayee, gara ganda Bitaaniyaa jedhamttuu ni deeme, achi'llee ni bule. Yesus ganama obboro'oon gara magaala'aa deebi'ee yeroo deemutti ni beelaye. Mukattii harbbu'uu takka karaa biratti argeeti gara isi'ii'llee ni dhaqe, garuu baala isi'ii malee womaayyuu irratti hin arganne. Kanaaf, «Ammaa achitti gonkumaa firiin sirratti hin argamin!» ni jedheen. Mukattiin'llee bakkumatti ni godde. Barattoonni isaa'llee kana yeroo arganitti, «Mukattiin harbbu'uu tun yeroo tokkoon attamitti godde!» jechu'uun, ni baaseffatan. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Dhugamaan isiniin jedha, amantii uduu qabaattanii fi shakkuu'llee uduu dhabaattanii, mukattii harbbu'uu irratti akkuma taasfame, raawwachuu qofa uduu hin ta'in, gaara kanaan'llee ‹asii ka'iitii gara garba ciisa'aa titti darbami!› uduu jettaniinii, isiniif ni ta'a. Amantanii kadhanna'aan waan kahattan maraa, ni argattan.» Yesus'llee gara Mana Waaqeffanna'aa aseenee ni barsiisa ture. Yeroo sanitti itti gaafatamoonni qeesotaatii fi jaarsotiin ummataa gara isaa dhiyaataniiti, «Kana mara ka raawwattu aangoo maali'iitiin? Aangoo kana ka siif kenne eennu?» jechu'uun, ni gaafataniin. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Ani'llee gaafii tokko si ni gaafadha, gaafii kiyyaaf deebii yoo naa kennitan, ani'llee kana mara aangoo maali'iitiin akka raawwadhu isinitti ni hima. Cuuphaan Yohaannis eessaa dhufe? Waaqaa irraayyi ture moo yookiin nama biraa?» Isaan'llee ufii isaanii titti akkana jechu'uun woliin ni mari'atan, « ‹Waaqaa biraayyi› yoo jenne, ‹eegaa maali'iif itti amanuu dhabddan ree?› nuun jedha, ‹nama biraayyi› yoo jenne ammoo, Yohaanisiin marri isaaniituu akka nabiyyi'ii titti waan isa laalaniif, ummata ni sodaanna.» Kanaaf, «Hin beekinnu!» jechu'uun, Yesusii ni deebisan. Inni'llee, «Eegasuu ani'llee aangoo maali'iitiin kana mara akka raawwadhu, isinitti hin himu!» isaaniin jedhe. Itti aanssee'llee Yesus akkana isaaniin ni jedhe, «Eegaa maal isinitti fakkaata ree? Naminni tokko ijoollee lamaa ni qaba ture, isaan keessaa gara tokkoo dhiyaatee, ‹yaa ilma kiyya, adha gara bakka biqilttuu kiyya ka woyinnii deemittee, akka hojjattu haa ta'u!› ni jedheen. Ilmi'llee, ‹dide hin deemu!› jedhe. Ha ata'u malee maa'ii gaabbeeti, hojjachu'uuf ni deeme. Abbaan ammoo gara ilma isaa ka lamaffa'aa deebi'ee dhaqeeti, inni'llee akkuma kana akka hojjatuuf ni ajajeen, ilmi'llee, ‹tole abbaa kiyya ni deema!› jedhe. Garuu hin deeminne. Eegaa ijoollee kaniin lamaan keessaa, ka ajaja abbaa isaa raawwate kamii?» Isaan'llee, «Ka jalqabaati kaa!» jedhan. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Dhugamaan isiniin ni jedha, cubbamoonnii fi sagaagalttoonni gara Mootummaa Waaqaa titti galu'uun, isin ni durssan. Yohaannisiin cuuphaan karaa qulqullaayomaa isinitti muldhisu'uuf dhufnnaan hin amanneen, cubbamoonnii fi sagaagalttoonni garuu ni amananiin, kanuma'llee argitanii gara Waaqaa deebitanii, hin amanneen.» Irra deebi'ee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Fakkeenna bira'aa'llee dhagayaa, biqilttuu woyinni'ii ka dhaabe nama tokkotu jira ture, inni'llee biqilttuu woyinni'ii naannayatti dalaya ni dallaye, cuunffaa wooyinni'iitiif ka ta'u boolla qotee ni midhaasse, eegiddoo woyinni'iitiif ka tajaajilu kaabaa dhaga'aa dheeraa ni hojjate, kanaan duubatti bakka biqilttu'uu qotee bulttootaaf kireessee, gara biyya bira'aa ni deeme. Ji'a calla'aa gayetti gayee isaa akka isaa fuudhaniif, tajaajilttoota isaa gara qotee bulttootaa ni erge. Qotee bulttoonni garuu tajaajilttoota isaa qabanii tokko ni dhaananiin, tokko ni ajjeesaniin, ka bira'aa ammoo dhaga'aan ni woqaraniin. Abbaan bakka biqilttuu woyinni'llee deebi'ee tajaajilttoota, laakkofssi isaanii worra duraanii caalu erge. Qotee bulttoonni isaan irratti'llee gochuma wol fakkaataa ni raawwatan. Muummee irratti abbaan bakka biqilttuu woyinni'ii, ‹ilma kiyya ni kabajaniin!› jechu'uun, ilma isaa gara qotee bulttootaa ni erge. Qotee bulttoonni garuu ilma isaa yeroo arganitti, ‹kun ammoo dhaalaa isaati, kootaa isa ajjeefinneeti, qabiyyee isaa nu'u haa dhaalluunii!› woliin ni jedhan. Ilma isaa'llee qabanii bakka biqilttuu woyinni'iitiin alaa, fidaniiniiti ni ajjeesaniin.» «Eegaa, abbaan biqilttuu woyinni'ii yeroo dhufetti, qotee bulttoota kanniin irratti maal ka raawwatu isinitti fakkaata?» Inni'llee, «Raawwiin namoota hamaaleyyii kanniinii ka hammaate ni taasisa. Bakka biqilttuu woyinni'llee worra callaa yeroon isaaf kennan, qotee bulttoota bira'aatiif ni kireessa» jedhaniin. Itti aanssee'llee Yesus akkana isaaniin ni jedhe, «Kitaabban qulqullaawota keessatti, ‹dhagaa worri kaabaa dhaga'aa ijaaran tuffataniin, inni dhagaa ijoo cabissata mata'aa ni ta'e, kun'llee hujii Goofta'aati, ija teennaaf'llee baasa› jedhamee ka barreeffame, gonkumaa isin hin dubbifinnee moo?» Kanaaf, «Akkana isiniin ni jedha, Mootummaan Waaqaa isin irraa fudhatamittee, ummata firii daraararuuf ni kennamtti. [ Ka dhagaa kana irratti kufu ni caba, naminni dhagaan isa irratti kufe garuu, ni bullaaya.»] Itti gaafatamoonni qeesotaatii fi Farisoonni fakkeennota kanniin yeroo dhagayanitti, Yesusii ka dubbatte waayee isaaniitiif ta'uu, ni hubatan. Kanaaf isa qabu'uuf barbaadanii turan, ummanni garuu akka nabiyyi'ii titti ni laalan waan turaniif, ni sodaatan. Deebi'ee'llee Yesus fakkeennan akkana jedha'aa isaanitti ni hima ture, «Mootummaan Sami'ii nugusa ilma isaatiif cidha fuudhaa qopheesse fakkaatti. Nugufnni'llee namoonni waamaman gara areerrii cidhaa akka dhufan yaadachiisu'uuf, tajaajilttoota isaa gara isaanii ni erge, namoonni garuu gara cidhaa dhufu'uuf hin barbaanne.» «Nugusichi'llee tajaajilttoota bira'aa deebi'ee akkana jechu'uun isaan ni erge, ‹gara namoota waamamanii deema'aatii, kunoo qophii cidha kiyyaa qopheessee jira, sangoonni tiyyaa fi dardarran kiyya ka cooman'llee qalamanii jiran, wonitti marrinuu qophaayee jira, gara afeerrii cidhichaa koottaa!› jedha'aatii isaanitti himaa.» Isaan garuu dhimmicha tuffatanii gara hujii isaanii tokko gara qonna isaa, kun'llee gara daldala isaa ni deeme, worri hafan ammoo tajaajilttoota qabanii salphisu'uun dhaananii isaan ni ajjeesan, yeroo kanatti nugusichi dallaneet lolttoota isaa ergee worra ajjeesan sanniin ni ajjeesise, magaalaa isaanii'llee ibiddaan akka guban ni taasise. «Kanaan duubatti tajajilttootaan akkana ni jedhe, ‹kunoo, ciini nugusichaa qophaayee jira, worri waamaman garuu afeerri'iif worra malan hin taane. Kanaaf gara karaa maraa deema'aatii nama argattan mara, gara afeerrii cidhichaa Waamaa.› » Tajajilttoonni'llee gara kara'aa deemanii nama argatan mara hamaaleyyi'ii fi mishaawwaniif'llee wolitti ni qaban, kanaaf galmma cidhaa afeeramittootaan ni guuttame. «Nugusichi garuu afeeramittoota laalu'uuf gara galmma yeroo aseenetti, uffata cidhaa ka hin uffatin nama tokko achitti ni arge. Akkana'llee ni jedheen, ‹yaa waahela kiyya uffata cidhaa uduu hin uffatin attamiin garana aseentte?› namichi garuu ni calidhise. Nugusichi'llee tajaajilttoota isaatiin, ‹harkaa fi miila isaa hidha'aatii baasa'aa gara dukkana alaa titti gata'aanii, achitti'llee booyaa fi ilkaan qaruun ni ta'a› jedhe.» Itti aanssee'llee Yesus, «Kanaaf ka waamaman baayi'eewwan, worri filataman garuu muraasota» jedhe. Kanaan duubatti Fariisoonni deemaniiti attam taasisanii Yesusiin haasaya isaatiin akka qabaniin, ni mari'atan, Farisoonni'llee barattoota isaanii namoota Heerodisii woliin'llee gara Yesusii erganii, «Yaa barsiisaa! Ati dhugaalessa ta'uu keetii fi karaa Waaqaa'llee dhuga'aan akka barsiifttu ni beekinna, nama'llee sodaachu'uun wonitti raawwatu hin jiru, namaaf'llee hin dalittu» eega isaan jedhaniin duubatti, akkana jedhanii ni gaafataniin. «Jedhi mee nutti himi, maal sitti fakkaata? Nugusa Rooma'aatiif gibira kafaluun, seera qabeessaa moo yookiin miti?» Yesus garuu hameenna isaanii beekee, «Isin fakkeesitoota nana! Waayee maali'iitiif ana qormaattan? Qarshii gibiraaf kafalamu mee natti muldhisaa!» isaaniin jedhe. Kanaaf isaan qarshii tokko fidanii itti ni muldhisan. Inni'llee, «Qarshii kana irratti biftti bocamee fi maqaan barreeffame ka eennuuti!» jechu'uun, isaan ni gaafate. Isaan'llee, «Ka nugusa worra Rooma'aati!» ni jedhaniin, Inni'llee, «Eegasuu ka nugusaa nugusichaaf, ka Waaqaa'llee Waaqaaf kennaa» isaaniin jedhe. Isaan'llee eega isa dhageeffataniin duubatti, waan ta'een maalalanii, isa dhiisaniin ni lixan. Guyyama sanitti, «Du'aa ka'iinssi worra du'anii hin jiru» Saduqoonni jedhan gara Yesusii dhufanii, akkana jechu'uun ni gaafataniin, «Yaa barsiisaa! Museen, ‹naminni tokko finna uduu hin uumatin haadha worraa isaa irraa du'aan yoo fooyame, obboleessi isaa haadha worraa ka du'ee fuudhee, ka du'eef fiixaa bakka haa buusuuf,› jedhee jira. Obboleeyyan torbbatu nu bira ni jiran turan, hangafnni isaan maraa haadha worraa isaa fuudhee finna uduu hin uumatin ni du'e, kanaaf obboleessi isaa maandhaan haadha worraa ka du'ee ni fuudhe. Akkuma kana lammaffaan'llee, sadaffaan'llee, haga ka torbaffa'aa titti tartiibumaan isii fuudhaniinii ni du'an. Maraan duubatti dubarttiinuu ni duute. Eegaa, torbanuu waan isii fuudhaniif yeroo worri du'an du'aa ka'antti, isiin kamiif haadha worraa taati?» Yesus garuu akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Isin Kitaabban Qulqullu'uu fi huminna Waaqaa beekuu dhabuu keessaniin, ni dogoggorttan. Yeroo worri du'an ka'antti'llee namoonni akka maleyikkoota samii jiranii ta'an malee hin fuudhan, wolitti'llee hin fuusisan. Akkuma kanaan'llee waayee du'aa ka'iinssa worra du'anii waan Waaqinni isinitti dubbate isin, hin dubbifnne moo? Inni'llee ka jedhe akkana, ‹ani Waaqa Abrahaamii, Waaqaa Yisihaaqiitii fi Waaqaa Yaaqoobiiti› kanaaf Waaqinni, Waaqa jiraattootaati malee Waaqa du'ootaatii miti.» Ummanni'llee kana yeroo dhagayanitti, barsiisa isaatiin ni maalaliffatan. Yesus Saduuqoota deebii dhabsiisee akka caldhisiise yeroo dhagayanitti, Farisoonni bakka tokkotti wol ni gayan. Isaan keessaa'llee tokko barsiisaan seera, Yesusiin qormaatu'uuniif barbaadee, akkana jechu'uun ni gaafateen, «Yaa barsiisaa! Seeraa keessaa ajajinni maraa caalu, kami?» Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Gooftaa kee Waaqa onnee kee guutu'uun, lubbuu kee guutu'uun, yaada kee guutu'uun jaaladhu, ka maraa caaluu fi ajajinni jalqabaa kana, kana'llee ka fakkaatu ajajinni lammaffaa, ‹ollaa kee akka mataa keetii taasisiitii jaaladhu› ka jedhu. Barsiifnni seeraatii fi nabiyyootaa marrinuu ka hundeeffaman, ajajoota kanniin lamaan irratti.» Fariisonni wolgayanii uduu jiran, Yesus akkana jechu'uun isaan ni gaafate, «Waayee Masihichaatiif maal jettan? Ilma eennutti'llee isinitti fakkaataa?», «Isaan'llee Ilma Daawiitii» jechu'uun, ni deebisaniif. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Eegaa, Daawiiti Hafuura Waaqaatiin eemaramee yeroo dubbatetti, attamitti ‹Gooftaa› jedhee waameen? ‹Waaqinni Gooftaa kiyyaan, diinota kee miila kee jala, haga si taasisutti, mirga kiyyaan taa'i!› jedheen. Eegasuu Daawiiti mataan isaatuu, ‹Gooftaa› jedhee yoo waameen, eegaa Masihichi attamitti, ilma ta'uuf dandda'aa ree?» kanaan deebii tokko'llee isaa kennu'uuf ka danda'e, naminni kumi'llee hin turre, guyyaa sanii jalaqabee'llee, gaafii isaa dhiyeessu'uuf ka ugge, eennu'llee hin turre. Kanaan duubatti Yesus ummataa fi barattoota isaa titti'llee akkana jechu'uun ni dubbate, «Barsiisonni seeraatii fi Farisonni barsiisu'uuf, barcumaa Muse'ee irra ta'anii ni jiran. Kanaaf waan isaan isiniin jedhan maraa raawwadhaa, eega'lle'e, waan isaan hojjatan garuu hin hojjatinaa, isaa waan dubbatan hujii irra hin oolichan, Ulffaata'aa fi ba'aa dhibaa hidhanii gurmmuu namaa irratti ni fe'an, mataa isaaniitii garuu quba isaaniitiinuu tuqu'uuf hin barbaadan. Hujii isaanii mara ka raawwatan akka namoonni isaanii arganiif jedhaniit, qudhaamman isaanii ni babaldhisan, handaara uffata isaanii ka kadhanna'aa ni dheeresan, bakka afeerri'ii titti bakkee kabajaa, bakka wolgayi'ii isaanii titti'llee barcumaa jalqabaa, qabachuu ni jaalatan. Bakka gabaya'aa titti'llee naminni marrinuu nagaya akka isaan gaafatanii fi ‹yaa barsiisaa!› jedhee, akka isaan waamuuf ni barbaadan, Isin garuu, barsiisaan keessan tokko qofa waan ta'ee fi marri keessanuu obboleeyyan waan taataniif, ‹barsiisaa› jedhamttanii hin waamaminaa. Dabalee'llee isin sami'itti ka qabddan Abbaa tokko qofa waan ta'eef, arddii irratti eennuun'llee, ‹Abbaa› jettanii, hin waaminaa. Hayyichi keessan Kristosiin qofa waan ta'eef, ‹hayyoota› jedhamttanii, hin waamaminaa. Isin jiddu'uu hangafa ka ta'e tajaajilaa keessan haa ta'u. Ka mataa isaa ol qabu ni salphata, mataa isaa ka gad qabu'llee, ol ni jedha.» «Naminni gara Mootummaa Sami'ii titti akka hin aseennef balbala ka cufittan isin fakkeesitoota nana, barsiisonni seeraatii fi Farisoonni! Isinii uunsha'a! Isin mataa keessan itti hin aseenttan, worra barbaadan'llee akka itti hin aseenneef ni dhoogitan!» [ «Fakkeessu'uuf kadhannaa dhiyeessitan dheera'aan sababata'aa, dubarttoota abbootiin worraa isaanii irraa du'an qabeenna isaan ittiin bulan ka jalaa fixxan isin fakkeessitoonni barsiisonni seeraatii fi worra Farisootaa, isinii uunsha'a! Kanaaf isin murtiin caalu isin irra ni gaya.] «Isin fakkeessitoota, barsiisonni seeraatii fi Farisoonni! Isinii uunsha'a! Nama tokko horddofaa amantii keessan taasisu'uuf garba ciisa'aa fi lafa irraa'llee ni naannofttan, yeroo isa aseensifttaniintti'llee, isin irra harka lamaan dachaa ka caaluun, ibidda asaabaatiif ka qophaaye ni taasfttaniin!» «Isin durssitoota jaamota nana! Isinii uunsha'a! ‹naminni Mana Waaqeffanna'aatiin yoo kakate, womaa miti jettan, worqqii Mana Waaqeffanna'aatiin yoo kakate garuu, kaku'uun ni qabamaa› jettan, Isin goowootaa fi jaamota nana! Worqqi'ii fi Mana Waaqeffanna'aa ka worqqii qulqullaayomssu kamittu caala? Akkuma kana, ‹naminni furdaan yoo kakate womaayyuu miti› ‹kennaa furdda irra jiruun yoo kakate garuu, kaku'uun ni qabama› jettan. Isin jaamota nana! Kenna'aa fi furdda kennaa qulqullaayomssu irra, kamittu caala? Kanaaf furddaan ka kakatu, furddaa fi waan furdda irra jiru maraan ni kakata. Mana Waaqeffanna'aatiin'llee ka kakatu, Mana Waaqeffanna'aatii fi waan Mana Waaqeffanna'aa keessa jiraatu maraan kakata. Sami'iin ka kakatu'llee teessoo Waaqaatii fi teessoo irra ka taa'uun'llee ni kakata.» Isin fakkeessitoota barsiisonni seeraatii fi Farisoota! Isinii uunsha'a! Amissuudaa, cuuphine'ee fi qarafaa irraa'llee kennaa Mana Waaqaatiif ni kennitan, garuu seera keessatti wonittoota argaman ijoo ijoo ni dhiifittan, isaan'llee murtii sirri'ii, dhiifamaa fi amanamuumma'a, isa uduu hin dhiisin, kana'llee raawwachu'utu isin irraa mala ture. Isin dursitoota jaamota nana! Waan dhugiddan mara irraayyuu waan akka booke'ee shiikkoo ta'e dhinbiibiddanii ni gattan, waan akka gaalaa gudda'aa ta'e, garuu ni liqimsitan. «Isin fakkeesitoota barsiisonni seeratii fi Farisoonni! Isinii uunsha'a! Kubbaaya'aa fi qorii gara duubaatiin ni qulqulleessitan, keessi isaa garuu, saamichaa fi dondhummaan ka itti guuttame, ati Farsicha jaamaa nana! Durssiitii qubbaayyaa fi qorii gara keessaatiin qulqulleessi! Yeroo sanitti gara duubaatiin'llee qulqulluu ni ta'a.» «Isin fakkeessitoota nana, barsiisonni seeratii fi Farisoonni! Isinii uunsha'a! Keessa isaanii titti lafee namoota du'aniitii fi waan battii maraan ka guuttaman, duuba isaaniitiin garuu noora'aan laanbubaman awwaalota ni bareedan fakkaattan. Akkuma kana isin duubanaan namaaf qulqullaayota fakkaatanii ni muldhattan, keessa keessantti garuu, fakkeessitumma'aa fi hammeenni isinitti guutee jira. «Isin fakkeessitoota barsiisonni seeratii fi Fariisoonni! Isinii uunsha'a! Awwaala nabiyyootaa ni ijaarttan, siidaa dhaga'aa ka qulqullaayotaa'llee ni bareechifttan. ‹Bara abbootii keenna ka duraanii titti argaminnee uduu jiraanneetii dhiiga nabiyyootaa jissu'uun, isaaniin woliin ni hirmmaanna ture› jettan. Eegaa, nabiyyoota namoota ajjeessaniif ijoollee ta'uu keessan mataan keessanuu ragaa ni baatan. Eegasuu abbootiin keessan waan jala qaban isin'llee raawwadhaa. Isin bofoota, ijoollee bofaa, attamiin adabbii ibidda asaabaa jalaa bayu'uuf dandeettan ree? Kanaaf kunoo, ani nabiyyoota, ogeessota, barsiisota gara keessan ni erga, isaan keessa tokko tokko'llee ni ajjeefttan, tokko tokko ni fannifittan, tokko tokko'llee bakka wolgayii isaanii titti ni dhaanttan, magaala'aa gara magaala'aa'llee isaan ni ariitan, sababa kanaan'llee Qulqullaawotaatii fi dhiiga Abbeelii irraa jala qabee, Mana Waaqeffanna'aatii fi furdda jiddu'utti haga ka ajjeefttan, haga ilma Baraakiya'aa haga dhiiga Zakaariyaasii waayee dhiiga arddii irratti jige, waayee dhiiga qulqullaayotaa, adabbiin isin irra ni gaya. Dhugamaan isiniin jedha, adabbiin kun marrinuu dhaloota kana irra ni gaya.» Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Yerusaalem, yaa Yerusaalem! Ati ta nabiyyootaa ajjeefttu! Worra gara kee ergaman'llee dhaga'aan ka woqarttu! Akkuma lukkuun cuuciiwwan isi'ii koola isi'ii jalatti wolitti qabddu, ani'llee ijoollee kee tokkumma'aan wolitti qabu'uuf, yeroo meeqa eeyyame! Isin garuu hin barbaanne. Eegaa kunoo, manni keessan ona ta'ee ni hafa. Kanaaf, ‹maqaa Goofta'aatiin ka dhufu ka eebbifame› haga jettantti, ammaa achitti ana hin argitan» isiniin jedha. Yesus Mana Waaqeffanna'aatii baye yoo deemu, barattoonni isaa gamoo Mana Waaqeffanna'aa isatti muldhisu'uuf, gara isaa ni dhiyaatan. Inni garuu, «Kana maraa ni argitanii ree? Dhugamaan isiniin jedha, dhagaan tokko'llee dhagaa irratti tuulame uduu hin jigin, ka hafu hin jiru» isaaniin jedhe. Yesus Gaara Ejjerssaa irra taa'ee uduma jiru barattoonni isaa adda isaa titti gara isaa dhiyaatanii, «Wonitti kun marri ka ta'u yoom? dhufaatii keetiitii fi malkanni muummee barichaa hoo maali'i?» jechu'uun, ni gaafataniin. Yesus akkana jechu'uun isaanii ni deebisee, «Naminni kumi'llee akka isin hin dogoggorssine ufi eeggadhaa! Baayi'eewwn, ‹ani Masihi'i!› jedha'aa, maqaa kiyyaan ni dhufan, namoota baayi'ee'llee ni dogoggorssan. Qoonqqa woraanaatii fi odduu woraanaa'llee ni dhageettan, kun marrinuu ta'uu waan qabuuf hin nayinaa, muummeen garuu ufi durana. Ummanni ummata irratti, mootummaan'llee mootummaa irratti woraanaan ni ka'a, bakka adda addaa titti'llee beelaa fi sochiin arddi'ii ni ta'a. Kun marri'llee akka sarddama ciniinsu'uu jalqabaa ni ta'a. «Yeroo sanitti namoonni rakkinnaaf dabarssanii isin ni kennan, isin ni ajjeesan, waayee maqaa kiyyaatiif'llee ummata mara biratti, ka jibbamttan ni taatan. Yeroo sanitti baayi'eewwan amantii isaanii waakkachu'uun ni gufatan, tokko ka bira'aa dabarssee ni kenna, namoonni'llee ufii isaaniitii wol ni lolan. Nabiyyoonni dharaa baayi'een ni ka'an, namoota baayi'ee'llee ni dogoggorssan, Baay'innaa hameennaa irraa kan ka'een, jaalallitti namoota baayi'e'ee ni qabbanooftti. Haga muumme'ee titti obissaan ka dhaabatu garuu ni fayya. Ummatoota maraaf ragaa akka ta'u Wongeelli Mootummaa Waaqaa kun, biyya lafaa maratti ni lallabama, yeroo sanitti muummeen isaa ni dhufa.» «Nabiyyichi Daan'eel akkuma dubbatetti wonitti batteessu jibbisiisaa, bakka Qulqulluu ta'e dhaabatee yeroo argitanitti dubbifataan haa hubatu!» Yeroo sanitti worri biyya Yihuda'aa jiran gara gaarotaa titti haa dheessan. Baaxii manaa irra ka jiru manaa waan tokko fudhachu'uuf, hin bu'in. Bakka qonnaa ka jiru'llee uffata isaa fudhachu'uuf, gara duuba hin deebi'in, Yeroo sanitti dubbarttoota ulffaatii fi haawotii dayanii hoosisaniif, uunsha'a! Dheessiinssi keessan ji'a gannaatiin yookiin guyyaa Sanbbataatiin akka hin taaneef kadhadhaa! Yeroo sanitti biyyi lafaa yeroo uumamee jalaqabee haga adhaa titti ka hin ta'in, ufi duranaaf'llee ka isa fakkaatu gonkumaa ka hin taane, rakkinni ol aanaan ni ta'a. Guyyoonni sunniin gabaabachuu uduu dhabaataniitii, naminni tokko'llee fayyu'uuf hin danda'u ture, garuu waayee namoota filatamaniitiif guyyoonni sunniin ni gabaabatan. «Yeroo sanitti naminni kumi'llee, ‹kunoo, Masihiin asi jira!› Yookiin, ‹achi jira!› yoo isiniin jedhe hin amaninaa. Masihoonni dharaatii fi nabiyyoonni dharaa ni ka'an, isaan uduu danda'aniitii worruma filatamoota Waaqaa'llee dogoggorssu'uuf, baasa ol aana'aa fi wonittoota maalale'ee'llee ni muldhisan.» «Eegaa wonittoota kanniin maraa durssee isinitti himee jira, kanaaf, ‹kunoo, gammoojjii ni jira!› yoo isiniin jedhan hin bayinaa, akkuma kana ‹kunoo, bakka dhossa'aa jira!› yoo isiniin jedhan'llee hin amaninaa. Akkuma Bakakkaan sami'itti mishi jedhee baya adu'uutii haga dhiyaa titti muldhattu, dhufaatiin Ilma Namaa'llee akkanuma ni ta'a. Gara bakka raqinni jiruu titti, rumichoonni wolitti ni qabaman.» «Guyyoota rakkinnaa sanniiniin duubatti bakkumatti aduun ni dukkanooftti, jiin'llee ifa isi'ii hin kennitu, urijjiiwwan'llee sami'ii ni kufan, huminoonni samii'llee ni raafaman. Kanaan duubatti malkanni Ilma Namaa'llee sami'itti ni muldhata, yeroo sanitti ummatoonni biyya lafaa irra jiran marrinuu ni booyan. Ilmi Namaa'llee huminnaa fi ulfinna ol aana'aan duumessa irraan, ta'ee yoo dhufu ni argganiin, Maleyikkaan qoonqqa ol aanaa xurunbbaa laali'ii dhageessisan ni erga, isaan'llee kallattiiwwan arffan biyya lafaatiinuu deemanii, daangaa sami'iitii haga daangaa sami'ii ka jiran, namoota isaa filatamoota wolitti ni qaban.» «Fakkeenni muka harbbu'uu barnnoota isinii haa ta'u, dameewwan isi'ii yoo latanii fi baallan isi'ii'llee magariisa yeroo ta'anitti, yeroo sanitti bonni dhiyaachuu isaa ni beekittan, Akkuma kana isin kana maraa yoo argitanitti, yeroon Ilmi Namaa itti dhufu akka dhiyaate, beekaa. Dhugamaan isiniin jedha, kun marrinuu haga raawwatamutti, dhaloonni kun hin dabrru. Sami'ii fi ardiin ni dabrran, dubbiin kiyya garuu hin dabrru.» «Waayee guyyaa saniitii fi waayee saa'aatii sanii garuu Waaqa Abbaa malee, maleyikkoota sami'ii ta'an, Ilmi Waaqaa'llee yoo ta'e, eennu'llee ka beeku hin jiru. Akkuma bifa bara Noohii turee titti, Ilma Namaa yeroo dhufutti'llee, akkuma kana ni ta'a. Bara sanitti, bishaan badi'iitiin duranatti haga guyyaa Noohi gara dooni'ii aseenee titti, namoonni nyaata'aatii fi dhuga'aa, fuudha'aanii fi wolitti fuusisa'aa'llee ni turan. Bishaan badi'ii dhufee marumaa wolitti qabee haga yeroo haree fudhatuu titti, isaan hin beekinne turan, dhufaatiin Ilma Namaa'llee akkuma kana ni ta'a. Yeroo sanitti namoonni lama bakka qonnaa titti woliin ni hojjatan. Tokkochi ni fudhatama, kuun ni hafa. Dubarttoonni lamaa woliin ni daakan, takkatiin ni fudhatamitti, ta bira'aa ni hafitti. «Eegaa Gooftaan keessan guyyaa kamittu akka dhufu hin beekittaniitii, dammaqa'aatii eegaa. Garuu kana beekaa, abbaan manaa halkan keessaa saa'aatii kamittu hattuun akka dhufittu uduu ka beekuutii, dammaqee ni eegaa ture, manni isaa'llee akka qotamuuf, hin dhiisu ture. Akkuma kana Ilmi Namaa saa'aatii isin hin yaadinnetti, waan dhufuuf, qophaaya'aatii jiraadhaa.» «Maatii isaatiif yero'oon nyaataa isaanii akka kennuuf, Gooftaan maatii isaa irratti ka isa muudu tajaajilaan amanama'aa fi qaruuteen eennu? Gooftaan isaa yeroo dhufutti tajaajilaan akkana yoo inni raawwatu argatuun, inni ka eebbifame. Dhugamaan isiniin jedha, tajaajilaa san gooftaan, qabeenna isaa mara irratti ni muudaan. Tajaajilaan hamaan sun garuu, ‹gooftaan kiyya amma hin dhufu ni tura› jedhee, yoo yaadeef, waaheloota isaa ka woliin hojjatan dhaanuu jala yoo qabe, worra machaayaniin woliin'llee yoo nyaatee fi yoo dhuge, Gooftaan tajaajilaa sanii guyya'aa fi saa'aatii inni hin beekinnetti ni dhufa, Tajaajilaa san'llee gooftaan isaa ni adabaan, kutaa carraa isaa'llee worra fakkeessitootaa woliin ni taasisa, achitti'llee booyaa fi ilkaan qaruun ni ta'a.» Itti aanissee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Yeroo sanitti Mootummaan Sami'ii ibisaa isaanii qabatanii ka fuudhu simachu'uuf ka bayan, shamarran shanan ni fakkaatti. Isaan'llee shanan gowwoota, shanaan ammoo qaruuteewwan turan. Shamarran gowwoota ibisaa isaanii yoma qabatan'llee ibisa'aaf ka ta'u bobayaa bira'aa jala hin qabanne turan. Shamarran qaruuteewwan garuu ibisaa isaanii woliin bobayaa bira'aa jala meesha'aan, qabatanii jiran ture. Ka fuudhu turuu isaatiin marri isaaniituu, hirribnni itti ulffaatee, ni rafan.» «Halkan qixxee yoo ta'utti garuu, ‹kunoo ka fuudhu galee jira! Baya'aatii simadha'aanii!› Wocinni jedhu ni dhagayame. Yeroo sanitti shamarran marrinuu ka'aniiti, ibisaa isaanii ni qopheessan. Shamarran gowoonni qaruutewwaniin, ‹Ibisaan keenna baduu isaa waan ta'eef, yabo'oo bobayaa keessan irraa nuuf kennaa› isaaniin jedhan. Shamarran qaruuteewwan garuu, ‹nu'uuf isinii bobayaa gayu hin qabnnu. Kana irra gara dukkaanaa deema'aatii bobayaa isiniif ta'u bitaa!› jechu'uun, isaaniif ni deebisan. Shamarran gowwoota bobayaa bitu'uuf yeroo deemanitti, ka fuudhu ni gale. Shamarran qophaayanii turan'llee ka fuudhu woliin, gara galmma afeerrii cidhaa ni aseenan, balballi'llee ni cufame.» «Shamarran maa'ii'llee hafan dhufaniiti, ‹yaa Gooftaa, yaa Gooftaa! Yabo'oo nuuf bani!› jedhaniin. Inni garuu, ‹dhugamaan isiniin jedha, ani isin hin beeku!› jechu'uun, isaaniif ni deebise. «Kanaaf, guyya'aa fi saa'aatii waan hin beekinneef, isin hisadha'aatii eegaa.» Yesus'llee akkana jechu'uun fakkeenna bira'aa isaanitti ni hime, «Yeroo sanitti haalli gara Mootummaa Waaqaa titti aseenu'uu akkana ni ta'a, naminni gara biyya bira'aa deemu tokko tajaajilttoota isaa waamee, akka waan qabeenna isaa ka qabu isaanitti kennuu, ni ta'a. Gooftichi isaanii'llee tokko tokko isaaniitiif akka danddeettii isaaniitiin isaanii qoodu'uun, tokkoof saantibii worqqi'ii shan, tokkoof saantibii worqqi'ii lama, tokkoof ammoo saantibii worqqi'ii tokko kenneeti, gara biyya bira'aa ni deeme. Saantibii worqqi'ii shan ka fudhate bakkumatti deemee ittiin daldaleeti, ka bira'aa saantibii worqqi'ii shan, ni buufate. Ka saantibii worqqi'ii lama fudhate'llee akkuma kana, saantibii worqqi'ii lama, ni buufate. Saantibii worqqi'ii tokko ka fudhate garuu deemeeti, lafa qotee qabeenna Gooftaa isaa, ni awwaale.» «Yeroo baayi'e'een duubatti gooftaan tajaajilttoota sanniinii dhufeeti, tajaajilttoota isaa woliin herreegachuu jala ni qabe. Tajaajilaan saantibii worqqi'ii shan fudhate gara Gooftaa isaa dhufeeti, saantibii worqqi'ii shan dhiyeessee, ‹yaa Gooftaa! Saantibii worqqi'ii shan naa kennitee ture, kunoo! Ka bira'aa saantibii worqqi'ii shan, buufadhee jira!› jedhe. Gooftaan isaa'llee, ‹mishaa raawwatte, ati amanama'aa fi tajaajilaa misha'a! Waan muraasaan amanamaa taatee waan argamitteef, waan baayi'ee irratti si ni muuda, koottu, gammachuu goofta'aa qoodamu'uuf aseeni!› jedheen. «Saantibii worqqi'ii lama ka fudhate'llee dhiyaatee, ‹yaa Gooftaa! Saantibii worqqi'ii lama naa kennitee turtte, ka bira'aa saantibii worqqi'ii lama buufadhee jira!› jedhe. Gooftaan isaa'llee, ‹misha'a! Ati amanama'aa fi tajaajilaa mishaa nana, waan muraasaan amanamaa taatee waan argamitteef, waan baayi'ee irratti si ni muuda, koottu, gammachuu Gooftaa keetii qoodamu'uuf aseen!› jedhe. «Ka saantibii worqqi'ii tokko fudhate'llee dhiyaatee, ‹Yaa Gooftaa! Bakka itti hin facaasinii ka haamattu, bakka itti hin bittinneessinii ka wolitti qabddu, nama gara jabeessa ta'uu kee ni beeka, kanaaf si sodaadheeti, deemee qabeenna kee lafa keessatti ni awwaaleen, kunoot qabeenni kee!› jedheen.» «Gooftaan isaa garuu akkana ni jedheen, ‹ati hama'aa fi tajaajilaa dadhabaa nana! Bakka itti hin facaasinii akka haamadhuu fi bakka itti hin bittinneesinii'llee akka wolitti qabadhu, ka beekittu eega ta'e, qabeenna kiyya mana kuusaa qarshi'ii naaf kaayuu ni qabdda ture, ani'llee yeroo dhufetti qarshii kiyya dhala woliin ni fudhadha ture. Eegaa, qarshii isa irraa fuudha'aatii ka saantibii worqqi'ii kudhan qabuuf kennaa. Nama qabu maraaf ni dabalama, ni baayi'ataaf'lle'e, yoo hin qabaatin garuu kammaan qabu sunuu, irraa ni fudhatama. Tajaajilaa hin fayyadinne kana garuu gara dukkana ala jiruu titti baasa'aatii gata'aanii, achitti'llee booyaa fi ilkaan qaruun ni ta'a.› » «Ilmi Namaa maleyikkoota isaa maran marffamee ulfinnanaan yoo dhufutti, teessoo isaa ka ulfinnaa irra ni taa'a, ummanni marri'llee isa duranatti wol ni gayan, akkuma tisseen hoolota re'iin irraa adda fooyutti, inni'llee ummatoota ufii isaaniitiin isaan adda ni fooya.» Qulqullaayota mirga isaatiin, cubbamoota ammoo bitaa isaatiin ni dhaabachiisa. Yeroo sanitti nugusichi gara mirga isaatiin worra jiraniin akkana ni jedha, isin Abbaan kiyya ka isin eebbise! Kootaa! biyyi lafaa yeroo uumamee jala qabee mootummaa isiniif qophaaye dhaalaa! Beelayee ture, ana nyaachifttanii jirttan, dheebodhee ture, ana obaafttanii jirttan, keessummaa ta'ee ni dhufee, mana keessantti ana simattanii jirttan, daareeti ture, natti uffifttanii jirttan, dhukkubsadheeti ture, ana gaafattanii jirttan, hidhamee ture dhufttanii ana laalttanii jirttan. Yeroo sanitti qulqullaayoman akkana jedhanii ni deebisaniif, yaa Gooftaa, yoom beelofttee si argineeti si nyaachifnne? Yoom dheebottee si argineeti si obbaafnne? Yoom keessummaa taatee si argineeti, mana keennatti si simanne? Yoom daarttee si argineeti sitti uffifnne? Yoom dhukkubssattee yookiin hidhamttee si argineeti dhufinnee si gaafanne? Nugusichi'llee, «dhugamaan isiniin jedha, kanniin obboleeyyan kiyya keessaa ka gad aanaa ta'e tokkomaafuu wonitti raawwattan marrinuu, akka waan anaaf raawwattaniiti!» jechu'uun, isaanii ni deebisa. «Kanaan duubatti gara bira'aatiin worra jiraniin'llee, akkana ni jedha, ‹isin worri abaaramttan nana! Ana irraa garas fagaadhaa! Sheexanaa fi maleyikkootaa horddofttoota isaatiif gara bakka qophaayee, gara ibidda bara baraa deemaa! Beelayee ture ana hin nyaachifnne, dheebodhee ture ana hin obaafnne. Keessummaa ta'ee dhufee ture, ana hin simanne, mana keessantti daaree ture, ana hin nyaachifnne, dhukubbisadhee, dhidhamee'llee ture, isin ana hin gaafanne› » jedhe. «Isaan'llee, ‹yaa Gooftaa, beelofttee yookiin dheebottee, keessummaa taatee yookiin daartee, dhukkubissattee yookiin hidhamttee yoom si argineeti, uduu si hin gargaarin hafinne?› jechu'uun, ni deebisaniif. Nugusichi'llee, ‹dhugamaan isiniin jedha, kanniin obboleeyyan kiyya keessaa gad aanaa ka ta'e tokkomaafuu wonitti raawwattan marrinuu, akka waan anaaf raawwatiniiti› isaaniin» jedha. «Kanaaf, kunniin gara adabbii ibidda bara baraa yoo deeman, qulqullaayoman garuu gara jireenna bara baraa ni deeman.» Yesus barsiisa kana maraa barsiisee yeroo xumuretti, barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Guyyaa lamaan duubatti Ayyaanni Faasiika'aa akka ta'u ni beekittan, Ilmi Namaa fannifamu'uuf dabarffamee ni kennama.» Yeroo sanitti itti gaafatamoonni, qeesotaatii fi jarsotiin ummataa, moonaa itti gaafatamaa qeesotaa titti wol ni gayan. Achitti'llee Yesusiin dabaan qabanii ajjeesu'uuf, ni mari'atan. Garuu, «Ummata jiddu'utti jeeqamnni akka hin kaaneef guyyaa ayyaanaatiin hin ta'in» jedhan. Kunoo, Yesus Bitaaniya'atti waashayaa ka ture mana Simoonii ni ture. Achitti'llee Yesus nyaataaf taa'ee uduu jiru, dubarttiin takka shittoo gatiin isaa haalaan guddaa ta'e bilqaadii albasixiroosii guuttame qabattee, gara isaa ni dhiyaatte, shittoo'llee mataa isaa irratti ni jissite. Barattoonni isaa'llee kana arganii dallananiiti, akkana ni jedhan, «Shittoon kun maali'iif tasatti bade!» «Shittoon kun gatii baayi'e'etti gurguramee, hiyyeesotaaf kennamuu ni danda'ama ture!» Yesus'llee kana jechuu isaanii beekee akkana isaaniin ni jedhe, «Dubarttii tana maali'iitiif rakkifttaniin? Isiin anaaf waan mishaa raawwattee jirtti, hiyyeeyyiin yeroo maraa isinuma woliin jiran, ani garuu yeroo mara isin woliin asitti hin ariggamu. Isiin shittoo kana ana irratti jissu'uun isi'ii, ana awwaalaaf qopheessu'uuf. Dhugamaan isiniin jedha, biyya lafaa mara irratti bakka wongeelli kun itti lallabamu kamittuu kun wonitti isiin raawwatte, yaadannoo isi'iitiif ni dubbatamaaf.» Yeroo sanitti ergamoota isaa kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e, Yihudaan naminni biyya Keriyootii gara mana itti gaafatamoota qeesotaa dhaqeeti, «Yesusiin dabarssee uduu isiinii kennee, maal naa kennitan?» jedhe. Isaan'llee qarshii 30 ni kennaniif, Inni'llee saa'aatii sanii jala qabee Yesusiin dabarssee ka itti kennu, yeroo mijaayaa ni barbaada ture. Jalqaba guyyaa ayyaana Qixxa'aa titti barattoonni isaa gara Yesusii dhiyaatanii, «Irbaata Ayyaanaa Faasiika'aa eessatti akka si qopheessinu barbaadda?» jechu'uun, ni gaafataniin. Inni'llee, «Gara magaala'aa yoo aseenittanitti gara mana nama argattanii deema'aatii, ‹barsiisaan yeroon kiyya gayee jiraatii barattoota tiyyaan woliin, Irbaata Ayyaana Faasiika'aa ka nyaadhu mana kee titti jedha› jedha'aanii» jedhe. Barattoonni isaa'llee akkuma Yesus isaan ajaje ni raawwatan, Irbaata Ayyaanaa Faasiika'aa'llee ni qopheessan. Yeroo laftti dhiitetti'llee, Yesusii barattoota isaa kudha lamaan woliin, nyaataaf ni taa'e. Yoo nyaatan'llee Yesus, «Dhugamaan isiniin jedha, isin keessaa tokko ana dabarssee ni kenna» jedhe. Barattoonni isaa'llee waan kanaan haalaan gaddanii, tokko tokkoon isaaniituu yaa Gooftaa, «Ana ta'innaa?» jedha'aa, ni gaafachuunii jala qaban. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebisee, «Ana ka dabarssee ana kennu, ka anaan woliin qorii keessaa ittoo tuqatu. Ilmi Namaa akkaatama waayee isaatiif barreeffameetiin ni du'a, garuu Ilma Namaa dabarssee ka kennu nama saniif uunsha'a! Naminni sun uduu dhalachuu dhabaatee isaa woyya ture.» Yihudaan dabarssee isa kennu'llee, «Yaa barsiisaa! Ana ta'innaa?» jedhe. Yesus'llee, «Akkuma ati jette» jedheen. Yeroo nyaatantti'llee Yesus hibsttii ol fuudhee ni eebbise, kukkutee barattoota isaatiin, «Hoo'aa nyaadhaa, kun foon kiyyaa» jedhee, isaanii ni kenne. Duloo'llee ol fuudhee kadhannaa galataa eega taasiseen duubatti, akkana jechu'uun isaanii ni kenne, «Marri keessanuu duloo tana irraa dhugaa, kun waayee namoota baayi'eewwanii, dhiifama cubbu'uutiif ka jigu, dhiiga kiyya ka waadaa haarawaati, Mootummaa Abbaa kiyyaa titti cuunffaa firii woyinnii haarawaa irraa isin woliin haga guyyaa dhuguu titti, ammaa achitti cuunffaa firii woyinnii kanaa irraa hin dhugu isiniin jedha.» Kanaan duubatti faaruu faarffatanii, gara Gaara Ejerssaa ni bayan. Yeroo kanatti Yesus, barattoota isaatiin akkana ni jedhe, « ‹Tissicha ni dhaya, hoolonni'llee ni bittinnaayan› jedhamee barreeffamee jiraatii, halkan kanatti marri keessanuu ana ni waakkattan. Ani eega du'aa ka'een duubatti garuu, gara Galiila'aa isin durssee ni deema.» Yeroo sanitti Phexiros, «Kunniin marrinuu yoma si waakkatan'llee, ani gonkumaa si hin waakkadhu!» jedhee, ni dubbatte. Yesus'llee, «Dhugamaan siin jedha, adha halkan kanaan uduu lukkuun hin iyyiniin duranatti, yeroo sadihi ana ni waakkata» jedheen. Phexiros garuu, «Si woliin du'u'llee yoma ka barbaachisu ta'e'llee, ni du'a malee, gonkumaa si hin waakkadhu!» jedheen. Barattoonni hafan marrinuu, akkanuma kana ni jedhan ture. Kanaan duubatti Yesus barattoota isaa woliin gara bakka Getesemaanee jedhamuu ni deemee, achi'llee akkuma gayaniin Yesus barattoota isaa tiin, «Ani achi deemee haga kadhadhutti, isin asumatti turaa!» isaaniin jedhe. Isa woliin Phexirosii fi ijoollee Zabdewoosii lamaan fudhatee ni deeme, gaddu'uu fi sarddamuu'llee jala qabee. Akkana'llee isaaniin jedhe, «Haga du'aaf gayutti gaddee jira, isin asumatti turaa, ana woliin'llee jabaadhaa.» Isaan irraa muraasa achi fagaatee deemeeti, lafa irratti kallacha isaatiin gonbbifamee, akkana jechu'uun ni kadhate, «Yaa Abbaa! Ka siif danda'amu yoo taate, duloon sarddamaa kun ana irraa garasi haa dabrru! Garuu fedhii kee haa ta'u malee, fedhii kiyya hin ta'in.» Kanaan duubatti gara barattoota sadiinii deebi'ee yeroo dhufetti, rafanii isaan ni argate, kanaaf Phexirosiin akkana jedheen, «Isin anaan woliin saa'aatima tokko'llee jabaachu'uuf hin dandeennee miti? Gara qormaataa titti akka hin aseenneef jabaadha'aatii kadhadhaa, Hafuurri dhugamaanuu qophaaya'a, foon garuu dadhaba'a.» Deebi'ee'llee Yesus yeroo Lammaffaa'llee fagaatee deemeeti, «Yaa Abbaa! Duloo sarddamaa kan uduu hin dhugin ana irra dabrru ka hin dandeenne yoo taate, fedhii kee haa ta'u!» jechu'uun, ni kadhate. Dabalee'llee gara barattoota isaa deebi'ee yeroo dhufetti, ijji isaanii hirribaan ulffaatanii waan turaniif, rafanii isaan ni argate. Deebi'ee'llee isaan dhiisee deemeeti, jechuma duraan dubbate san irra deebi'ee dubbachu'uun, yeroo sadaffa'aatiif ni kadhate. Kanaan duubatti gara barattoota isaa deebi'ee dhufeeti, akkana isaaniin jedhe, «Ammallee raffittanii jirttanii? Boqannaa taasisa'aa jirttan moo? Kunoo, Ilmi Namaa harka cubbamootaa titti dabarffamee saa'aatiin itti kennamu gayee jira, ka'aa haa deeminnuu! Kunoo, ka dabarssee ana kennu dhiyaatee jira!» jedhe. Uduma Yesus dubbata'aa jiru kunoo, barattoota isaa kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e Yihudaan ni dhufe, isa woliin'llee billayaa fi ulee ka qabatan namoonni baayi'een ni dhufan, isaan'llee itti gaafatamoota qeesotaatii fi jaarsotii ummataa biraa worra ergaman turan. Yesusiin dabarssee ka kennu Yihudaan namootaan, «Ka isin barbaadan, ka ani dhungadhuun san waan ta'eef isa qaba'aan!» yoo jedhu, malikata isaanii kennee ture. Yihudaan'llee bakkumatti dhufee gara Yesusii dhiyaateeti, «Yaa barsiisaa! Nageenni siif haa ta'u!» jedhee, ni dhungateen. Yesus'llee, «Yaa waahela kiyya! Eegaa dhimmicha dhuftteef raawwadhu!» jedheen, kanaan duubatti namoonni gara Yesusii dhiyaatanii ni qabaniin. Yeroo sanitti Yesusiin woliin worra jiran keessaa tokko harka isaa hiixatee, billaya isaa luqqifateeti tajaajilaa itti gaafatamaa qeesotaa dhayee, gurra isaa ni mure. Yesus garuu akkana jedhe, «Billaya worri luqqifatan billayaan ni badaniitii billaya kee, gara qola isaa titti deebisii galchi. Haa ta'u malee ani Abbaa kiyya uduu kadhadhee, inni hoomaa maleyikkoota kuma baayi'eetti laakkayaman, ka naaf hin ergine sitti fakkaataa? Akkana ta'uu uduu dhabaateetii, ‹rakkinna fudhachuu qaba› ka jedhu, dubbiin Kitaabaa attamitti raawwatama ree?» Saa'aatii sanitti Yesus ummata achitti woligayaniin akkana ni jedhe, «Akka waan shifttaa qabddanii titti ana qabu'uuf, bilayaa fi ulee qabattanii, dhufittanii? Guyyama guyya'aan Mana Waaqeffanna'aa titti barsiisa'aa isin woliin uduu jiru, ana hin qabnneeyyu ture, garuu kun marrinuu ka ta'eef, wonitti nabiyyootaan barreeffame akka raawwatamuuf.» Yeroo sanitti barattoonni isaa marrinuu, dhiisaniinii ni dheessan. Kanaan duubatti Yesusiin namoonni qaban gara itti gaafatamaa qeesotaa gara Qayyaafa'aa ni fudhataniin, achitti'llee barsiisonni seeraatii fi jaarsotiin wolgayanii jiran ture. Phexiros garuu haga moonaa itti gaafatamaa qeesotaa titti Yesusiin fago'oo ni horddofeen, gara keessaa aseenee'llee raawwii dhimmichaa laalu'uuf wordiyyootaan woliin ni taa'e. Itti gaafatamoonni qeesotaatii fi miseensonni yaa'ii Yihudotaa marri Yesusiin irratti murtii du'aa murtteessisu'uuf, ragaa dharaa ni barbaadan turan. Ragummaan dharaa baayi'een yoo dhiyaatan'llee, ragummaan du'a isa irratti murteessisu hin arganne, muummee irratti'llee ragoonni lamaa dhiyaatanii, «Naminni kun, ‹Mana Waaqaa ka Waaqeffanna'aa kana diigee, guyyaa sadihitti deebisee ijaaru'uuf ni dandda'a› jedhee yoo dubbatu» jechu'uun, ni dubbatan. Itti gaafatamaan qeesotaa'llee ka'eeti, «Waan namoonni kunniin sirratti ragaa bayan maraafuu deebii woyiituu hin kennitu ree?» jechu'uun, ni gaafateen. Yesus garuu ni caldhise. Itti gaafatamaan qeesotaa'llee irra deebi'ee Yesusiin, «Maqaa Waaqaa jiraata'aatiin si qabee jira! Ati Ilma Waaqaa Masihicha akka taate nutti himi!» jedheen. Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Akkuma ati jette, garuu ammaa achitti Ilmi Namaa huminna isaatiin, mirga Waaqaatiin taa'ee ni argitaniin, akkuma kana duumessa sami'ii keessan yoo dhufu, ni argitaniin isiniin jedha!» Yeroo kanatti itti gaafatamaan qeesotaa dallansu'uun uffata isaa tarsaaseeti, akkana ni jedhe, «Kunoo, Waaqaa irratti dubbii arrabaa dubbatee jira! Isin'llee arraba isaa dhageettanii jirttan! Kana ka caalu ragaa maal barbaachisa! Eegaa, maal isinitti fakkaata?» Isaan'llee, «Du'atu isaan mala!» jechu'uun, ni deebisan. Yeroo sanitti hancufa isaanii itti ni tufan, ni humi'aniin, ni dhabanaassa'an'llee dhaya'aanii, «Yaa Masihicha! Eennu ka si dhaye? Mee raaga dubbadhu!» ni jedhaniin ture. Phexiros'llee mana duubanatti moonaa itti gaafatamaa qeesotaa keessa taa'ee jira ture, yeroo sanitti intaltti hojjattuu mana keessaa takka gara isaa dhiyaattee, «Ati'llee Yesusii nama biyya Galliila'aa woliin ni jirta turee!» isaan jette. Inni garuu, «Waan ati jettu hin beeku!» jechu'uun isaan mara duratti ni waakkateen. Bayu'uuf gara balbalaa yoo deemu, intaltti hojjatuu manaa ta bira'aa argiteeniiti, namoota achi turaniif, «Naminni kun Yesusii Naazireet woliin ni ture!» jette. Phexiros'llee, «Nama ati jettu kana hin beekuun!» jechu'uun, kaku'uun deebi'ee ni kakate. Yeroo muraasaan duubatti namoonni achi dhaabatanii turan gara Phexirosii dhiyaatanii, «Haasofnni kee ni beekisisa, dhugamaanuu ati'llee isaan keessaa tokko» jedhaniin. Yeroo sanitti Phexiros, «Ani nama kana hin beekuun!» jedha'aa, ufi abaaruu fi kakachuu jala ni qabe. Bakkumatti lukkuun ni iyye. Phexiros'llee, «Lukkuun uduu hin iyyin, yeroo sadihii ana waakkata» jedhee, Yesus ka dubbate, ni yaadate. Gara alaa'llee bayeeti, fiqqifatee ni booye. Ganama obboro'oon itti gaafatamoonni qeesotaatii fi jaarsotiin ummataa marrinuu, Yesusiin irratti murtii du'aa murteessisu'uuf, ni mari'atan. Kanaan duubatti Yesusiin hidhanii fudhataniinti, bulichaa ka ta'e Philaaxosiif, dabarssanii ni kennaniin. Yesus akka itti murtteeffame yeroo argetti Yihudaan Yesusiin dabarssee kenne ni gaabbe, qarshii soddomaa fudhate'llee itti gaafatamoota qeesotaatii fi jaarsotaaf akkana jechu'uun deebisee isaanii ni kenne, «Nama qulqulluu du'aaf dabarssee kennuu kiyyaan, balleessee jira» jedhe. Isaan garuu, «Eegaa nu maalttu dhibe! Dhimma mataa keetii!» jedhaniin. Inni'llee qarshii soddomaa fidee Mana Waaqeffanna'aa keessatti bittinneessee, isaan dhiisee ni baye, deemee'llee hudhamee ni du'e. Itti gaafatamoonni qeesotaa'llee qarshii soddomaa fuudhanii, «Qarshiin kun qarshii gatii dhiigaa waan ta'eef, kennaa Mana Waaqeffanna'aatiin wolitti makuun nuuf hin eeyyamamu» jedhan. Kanaaf eega mari'ataniin duubatti keessummootaaf bakka awwaala akka ta'uuf, lafa nama Faara hojjatuu ittiin ni bitan. Waayee kanaan laftti sun haga adhaa titti, «Lafa Dhiigaa» jedhama'aa, ni waamama. Haala kanaan, «Ijoolleen Israa'eelii ka tilmaamanan isaaf gatii ka ta'u, qarshii soddomaa ni fudhatan, Akkuma Gooftaan'llee ana ajajetti, waayee lafa nama faara hojjatuutiif ni kafalan» jedhamee, raaginni nabiyyicha Zakaariyaasiin dubbataman ni raawwatame. Yeroo sanitti Yesus gara bulicha'aa gara Phiilaaxosii ni dhiyaate, bulichaan'llee, «Ati nugusa worra Yihudotaatii?» jechu'uun, ni gaafateen, Yesus'llee, «Akkuma ati jette» jechu'uun ni deebise. Garuu itti gaafatamoonni qeesotaatii fi jaarsonni'llee, yoo isa himataniin, deebii woyiituu hin kennine. Kanaan duubatti Philaaxos, «Waan meeqaan yoo si himatan, hin dhageettu ree?» jedheen. Yesus garuu haga bulchaan malalffatutti himannaa tokkoof'llee, dubbii tokko hin deebifnneef. Bulchaan'llee woggamaan yeroo Ayyaana Faasiikaa Yihudotaa titti akka isaaniif hiiku, ummanni hidhamaa tokko hiikee isaaniif akka gad dhiisuu barsiisee ture. Yeroo sanitti «Barabbaan» ka jedhamee fi gocha isaa ka dabaatiin ka beekkame, hidhama'aatu jira ture. Kanaaf yeroo namoonni woligayanitti Phiilaaxos, «Eennuun akka isinii hiiku barbaadan? Barabbaaniin moo yookiin Masihicha ka jedhame Yesusiin?» jechu'uun, isaan ni gaafate. Kana'llee sababaan jedheef, Yesusiin hinaaffa'aan dabarsanii akka kennaniin ni beeka waan tureef. Kanaan duubatti Philaaxos teessoo isaa ka murti'ii irra taa'ee uduma jiru haatii worraa isaa, «Waayee isaatiin halkan dabrre kana eebjju'uun baayi'ee makkaraaree jiraatii, nama qulqulluu san irratti womaayyuu hin raawwatin!» jechu'uun itti ni ergite. Yeroo sanitti itti gaafatamoonni qeesotaatii fi jaarsotiin, «Barbbaan gad haa dhiifamu! Yesus haa ajjeefamu!» jedhanii, akka gaafataniif ummata wolii ni galchan. Bulchaan'llee, «Lamaan keessaa kamiin akka isinii hiikuuf barbaadan?» jechu'uun, ummata irra deebi'ee ni gaafate. Isaan'llee, «Barbbaaniin akka nuuf hiikituuf barbaanna!» jechu'uun, ni deebisan. «Phiilaaxos'llee, eegaa, Masihii ka jedhame Yesusiin hoo maal haa taasisuun?» isaaniin jedhe. Marrinuu, «Haa fannifamu!» jechu'uun, ni deebisan. Bulchaan'llee maaliif? «Balleessaan inni raawwate maal'i?» isaaniin jedhe. Isaan garuu, «Haa fannifamu!» jedha'aa, guddisanii ni iyyan. Kanaaf Phiilaaxos, wonitti kun jeeqama akka kaasuuf malee waan bira'aatiif akka hin fayyadinne yeroo argetti bishaan akka fidan taasisee, «Ani du'a nama kanaatii itti gaafatama'aa miti, itti gaafataminni keessan!» jedhee, ummata duranatti harka isaa ni miicate. Ummanni marrinuu, «Sababa du'a isaatiin adabbiin dhufu, nu'uu fi ijoollee teenna irratti haa ta'u!» jedhan. Yeroo sanitti Philaaxos Barbbaaniin hiikee isaaniif gad ni dhiise, Yesusiin garuu eega dhaansiseeniin duubatti, akka isa fannifamuuf dabarssee ni kenneen. Yeroo sanitti lolttoonni bulcha'aa Yesusiin gara moonaa bulcha'aa ni fidaniin, lolttoota maraa naannaya Yesusii titti wolitti ni qaban. Uffata isaa'llee irraa baasanii, uffata diimaa itti ni uffisan. Gonfata qoree'llee maranii mataa isaa irratti ni kaayaniif, harka isaa ka mirgaa titti'llee ulee ooyya'aa ni qabachiisaniin, isa duranatti'llee jilbbiiffata'aa, «Yaa nugusa worra Yihudaa! Nageenni siif haa ta'u!» jedha'aa, itti ni baliddan ture. Hancufa isaanii'llee itti ni tufan ture, ulee'llee harkaa fuudhanii, mataa isaa keessa ni dhayaniin ture. Eega itti balddaniin duubatti'llee uffata diimaa irraa baasanii uffata isaa itti ni uffisan, isa fannisu'uuf'llee qabanii ni deeman. Moonaa bulcha'aatii baya'aa uduma jiran Simoon ka jedhamu naminni biyya Qareenaa argataniitii, fannoo Yesusii akka baatuuf, ni dirqamsiisaniin. Kanaan dubbatti hiikkaan isaa, «Lafee mata'aa» gara bakka ta'ee, gara Golgota'aa ni gayan. Achiin'llee dhaadhii woyinni'ii ka hadhoofittu'uun wolitti makame akka dhugu Yesusiif ni dhiyeessan, inni garuu afaaniin qabee dhugu'uuf hin barbaanne. Yesusiin'llee eega fannisaniin duubatti, uffata isaa titti carraa buufatanii ni qoodaman. Achi'llee ta'anii ni eeganiin ture. Yakka ittiin himatame'llee ka muldhisu, «Kun nugusa worra Yihudotaa Yesus» barreeffama jedhu, mataajjii fannoo isaa gubbaa ni kaayan. Yeroo sanitti'llee Yesusiin woliin shifttoota lamaa, tokko mirgaan tokko bitaa isaatiin, ni fannisan. Namoonni isa biraan ni dabrran turan'llee ija tufi'iin mataa isaanii itti sochoosa'aa, «Ati Mana Waaqeffanna'aa ka diigidduu fi guyyaa sadihitti ka ijaarttuun! Mee mataa keetuu fayyisi! Ilma Waaqaa eega taate mee fannoo irraa bu'i!» jechu'uun, itti ni balddan ture. Bifuma kanaan itti gaafatamoonni qeesotaa, barsiisota seeraatii fi jaarsotiin woliin akkana jedha'aa, itti ni balddan ture, «Namoota kaanniin fayyisee jira, mataa isaa garuu fayyisu'uuf hin dandda'u! Inni nugusa Israa'eelii yoo ta'e, mee amma fannoo irraa haa bu'uu, nu'llee isatti haa amannuu! Inni Waaqatti amanee jira, ‹ani Ilma Waaqaati› jedhee jira, kanaaf Waaqinni isa ka jaalatu eega taate, mee amma isa haa fayyisuun!» Akkuma kana shifttoonni isa woliin fannifaman'llee, ni arabissaniin ture. Saa'aatii jahaa jala qabee haga saa'aatii sagalii titti arddii mara irratti dukkana ni ta'e. Saa'aatii sagalii yoo ta'u Yesus, «Elohee! Elohee! Lamaa sabaqitaanii?» jechu'uun, qoonqqa ol aana'aan ni iyye, hiikkaan isaa'llee, «Waaqaa kiyya! Waaqaa kiyya! Maali'iif ana dhiifitte?» jechu'u. Namoota Achi dhaabatanii turan keessaa tokko tokkoon isaanii kana dhagayanii, «Kun ammoo Eliyaasiin ni waama!» jedhan. Yeroo sanitti isaan keessaa tokko fiigee fuuttaa fuudhee waan dhangaggaayaa keessatti cuuphee, ulee ooyya'aa titti rarraasee Yesus akka dhuguuf ni dhiyeesseef. Kuunniin garuu,, «Turi mee! Eliyaas dhufee ka isa fayyisuu yoo taate, haa laalluu!» jedhan. Yesus'llee deebi'ee qooniqqa ol aana'aan iyyeeti, lubbuu isaa ni kenne. Yeroo sanitti golganni Mana Waaqeffanna'aa olii haga gadii titti tarssa'ee bakka lamatti ni qoodame, arddiin'llee ni raafamitte, siiddaawwan dhaga'aa'llee ni dhodhooyan, awwaalonni'llee banamanii namoota qulqullaayomota du'anii turan keessaa, baayi'eewwan du'aa ni ka'an. Awwaala keessaa'llee bayaniiti eega Yesus du'aa ka'een duubatti, gara magaalaa Qulqullitti'ii gara Yerusaalemii ni aseenan, achitti'llee namoota baayi'e'etti ni muldhatan. Ajajaan dhibbaatii fi isaan woliin Yesusiin ni eegan worri turan, sochii arddi'iitii fi waan ta'e maraa yeroo arganitti haalaan sodaatanii, «Dhugamaanuu kun Ilma Waaqaa ture!» jedhan. Fagoo ta'anii ka laalan dubarttoonni baayi'een'llee, achi ni turan, isaan'llee Galiila'aa jala qabanii Yesusiin tajaajila'aa ni horddofaniin worra turan. Isaan keessa'llee magdalaawittiin Maariyaam, haati Yaaqoobiitii fi Yooseefii, Maariyaam, haati ilmaan Zabdewoosii'llee isaan keessatti ni argaman turan. Yeroo dhiitetti'llee Yooseef ka jedhamu, namichi dureessi magaalaa Armaatiyaas tokko garasi ni dhufe, inni'llee barataa Yesusii ni ture, naminni kun'llee gara Phiilaaxosii dhaqeeti reeffa Yesusii ni kadhate, Phiilaaxos'llee reeffi akka kennamuuf, ni ajaje. Kanaaf Yooseef reeffa Yesusii fannoo irraa buusee woyyaa leelashe'ee Qulqullu'uun ni kafaneen. Dhagaa siida'aa irraa bocamee ka qophaaye awwaala mataa isaatiif qophaaye haarawa keessatti ni awwaaleen, kanaan duubatti dhagaa guddaa gangalchee, afaan awwaalaa cufeeti ni deeme. Magdalaawwittii Maariyaamii fi Maariyaamiin bira'aa, achuma awwaalaa afoo, ta'anii jiran turan. Guyyaa itti aanu Sanbbata diqqa'aa titti, itti gaafatamoonni qeesotaatii fi Farisoonni tokkumma'aan gara Phiilaaxosii dhaqaniiti, akkana ni jedhaniin, «Yaa Gooftaa! Dogoggorssaan sun uduma lubbu'uun jiru, ‹guyyaa sadihiin duubatti du'aa ni ka'a› ka jedhe, ni yaadanne. Kanaaf barattoonni isaa dhaqanii akka hin hannee fi ummataan'llee, ‹kunoo, du'aa ka'ee jira› akka hin jenneef, awwaalli isaa haga guyyaa sadihii titti, akka eegamuuf ajaji, kana ta'uu yoo dhabaate dogoggorri maai'ii irraa, ka jalqabaa irra ka hammaate ni ta'a.» Phiilaaxosii'llee, «Kunoo, lolttoota eegan ni qabddan, deema'aatii bifa beekittaniin eegisisaa!» isaaniin jedhe. Kanaaf dhaqaniiti dhagaa afaan awwaalaa irra jiru chaapha'aan cufaniiti, awwaalicha lolttootaan ni eegisisan. Sanbbanni eega dabrreen duubatti, torbaan keessaa guyyaa jalqabaa (Dilbbata) ganama obboro'oon, Maariyaam Magadaalaawitti'ii fi Maariyaamiin bira'aa'llee awwaala isaa laalu'uuf ni dhaqan. Kunoo, dimmaa sochiin arddi'ii ol aanaan ni ta'e, maleeyikkaan Goofta'aa'llee sami'ii bu'ee, dhagaa awwaalli ittiin cufame gangalcheeti, irra ni taa'e. Fuulli maleeyikkichaa'llee akka bakakka'aa ni ifa ture, uffanni isaa'llee akka barada'aa adii ni ture. Worri awwaala eegan'llee maleyikkicha sodaachuu irraa ka ka'een hollachu'uun, akka reeffaa ni ta'an. Maleyikkichi garuu dubarttootaan akkana ni jedhe, «Isin hin sodaatinaa» Yesusii fannifame akka barbaaddan ni beeka, inni as hin jiru, akkuma durssee dubbatametti ka'ee jira. Asi hin jiru, bakka itti awwaalamee ture koota'aatii laalaa. «Eegaa dadafaan deemittanii barattoota isaatiin, ‹Yesus du'aa ka'ee jira! Kunoo, gara Galiila'aa isin durssee ni deema, achitti'llee ni argittaniin!› jedha'aatii, isaantti himaa, kunoo, isinitti himee jira.» Kanaan duubatti dubarttoonni soda'aa fi gammachuu ol aana'aan bakka awwaalaatii dadafaan ni lixan, barattoota isaa titti'llee himu'uuf ni fiigan. Yesus karaa irratti isaan argateeti, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin jedhe. Isaan'llee gara isaa dhiyaataniiti miila isaa qabatanii sagadaniif. Yeroo san Yesus «Hin sodaatinaa! Gara Galiila'aa akka deemaniif obboleeyyan kiyyatti himaa, ka ana argitan'llee achitti» isaaniin jedhe. Dubarttoonni'llee deema'aa uduu jiran lolttoota keessaa tokko tokkoon isaanii gara magaala'aa deemanii, waan ta'e maraa itti gaafatamoota qeesotaa titti ni himan. Itti gaafatamoonni qeesotaa jaarsotii woliin woligayanii eega mari'ataniin duubatti lolttootaaf qarshii baayi'ee kennaniiti, akkana isaaniin jedhan, «Uduu nu'u raffinnee jirru barattoonni isaa halkaniin dhufanii, hatanii qabataniinii ni deeman, jedha'aatii ummatatti himaa. Waan kana bulichaan biyyaa yoo dhagayee jiraate, dhimmicha nu'u isa hubachiifnnee amansiisu'uun, isin irratti rakkinna akka hin geessine, ni taasfinna» isaaniin jedhan. Kanaaf lolttoonni qarshii fudhatanii akkuma isaatti himame ni taasisan, wonitti kun'llee haga adhaa titti Yihudota biratti, babaldhatee ni dubbatama. Barattoonni kudha tokkoon gara Yesus akka deemaniif isaanitti akeeke, gara gaara Galiila'atti argamuu ni deeman. Yeroo isa arganitti'llee ni sagadaniif, tokko tokko garuu ni shakkan, Yesus'llee gara isaanii dhiyaateeti akkana isaaniin jedhe, «Aangoon marrinuu sami'ii fi arddi'itti'llee naaf kennamee jira, eegaa gara ummata biyya lafaa mara deemaa, maqaa Waaqaa Abba'aa, maqaa Ilmaatii fi maqaa Hafuura Qulqullu'uutiin isaan cuupha'aa, barattoota kiyya taasisaa. Waan isin ajaje mara'llee akka raawwatan isaan barsiisaa! Kunoo, ani'llee haga muummee biyya lafaa titti, yeroo maraa isin woliin ni jira» isaaniin jedhe. Kun jalqaba wongeela Yesus Kristos Ilma Waaqaa Nabiyyicha Isaayyaasiin, «Kunoo, karaa kee ka haru, ergamaa kiyya si'iin duranatti durssee ni erga. Kun'llee, ‹karaa Goofta'aa qopheessaa, xurree'llee sirreessaa!› jedha'aa, bakka gammoojji'ii titti qoonqqa ol fudhatee nama dubbatu» jedhamee, akkuma barreeffame. Kanaaf Yohaannisiin Cuuphaan, «Dhiifama cubbu'uu akka argattaniif, gara Waaqaa deebi'aa cuuphamaa!» jechu'uun, gammoojjii keessa lallaba'aa ni dhufe. Arddii Yihuda'aatii fi magaalaa Yerusaalemiitii'llee namoonni baayi'een gara isaa ni dhufan ture, cubbuu isaanii'llee himata'aa Laga Yoordaanosii titti, harka isaatiin ni cuuphaman ture. Uffanni Yohaannisii rifeenissa gaalaa irraa ka hojjatame ture, hidha isaa titti'llee teepha ni hidhata ture, nyaanni isaa'llee awwaannisaa fi dammaa daamu'uu ni ture. Akkana'llee ni jedha ture, «Hidhaanuma kophee isaatuu gadi jedhee hiiku'uuf gonkumaa ka hin dandeenne, ka ana haalaan caalu ana duubaan ni dhufa. Ani bishaaniin isin ni cuupha, inni garuu Hafuura Qulqullu'uun isin ni cuupha.» Yeroo saniin duubatti Yesus magaalaa Naazireetiitii ta kutaa biyya Galiila'aa titti argamttu bayee, laga Yoordaanosii titti harka Yohaannisii titti ni cuuphame. Bakkumatti Yesus bishaan keessaa akkuma bayeen, samiin yoo banamuu fi Hafuurri Qulqulluun fakkeenna bifa handari'iitiin, isa irratti yoo bu'u ni arge. Yeroo sanitti, «Ati Ilma kiyya ka ani jaaladhuu fi ka si'itti gammadu» qooniqqi jedhu, sami'ii ni dhufe. Bakkumatti Hafuurri Waaqaa Yesusiin gara lafa gammoojji'ii, ni fideen. Gammoojjii sanitti'llee sheexanaan qormaatama'aa guyyaa afurtamaaf ni ture, bineensota bosonaa woliin'llee ni ture, maleyikkoonni'llee ni tajaajilaniin. Yohaannis qabamee gara mana hidha'aa eega aseeneen duubatti, Yesus Wongeelaa Waaqaa lallaba'aa gara Galiila'aa ni dhufe. Yoo barsiisu'llee, «Barri raawwatamee jira, Mootummaan Waaqaa dhiyaattee jirrttiitii gara Waaqaa deebi'aa! Wongeelatti'llee amanaa!» jedha ture. Kanaan duubatti Yesus garba ciisaa Galiila'aa biraan yoo dabrru Simoonii fi obboleessi isaa Indriyaas qurxummii qabddoota waan turaniif, tabbaarrii isaanii gara garba ciisa'aa yoo darbatanitti isaan ni arge. Yesus'llee, «Koota'aatii ana horddofaa! Akkuma qurxummii qabddan mara, namoota'llee akka wolitti naaf qabddan isin ni taasisa!» isaaniin jedhe. Isaan'llee bakkumatti tabbaarrii isaanii dhiisanii, isa ni horddofan. Achi biraa'llee muraasa akkuma dabrraniin, kaanniin obboleeyyan lamaan ni arge, isaan'llee ijoollee Zebdiwoosii Yaaqoobii fi Yohaanisiin turan, isaan'llee hoboloo irra ta'anii tabbaarrii isaanii, ni supphan ture. Yesus bakkumatti isaan ni waame, isaan'llee abbaa isaanii Zabdewoosin hojjattootaan woliin hoboloo irratti dhiisaniinii, Yesusiin ni horddofaniin. Bira dabrranii'llee gara magaalaa Qifirnaahoomii ni gayan, bakkumatti Sanbbata itti aanee jirutti Yesus gara bakka wolgayii isaanii aseenee, barsiisuu jala ni qabe. Yesus akka bifa barsiisonni seeraa itti barsiisanii titti uduu hin ta'in, akka nama aangoo qabuu titti isaan ni barsiisa waan tureef, worri isa dhageeffatan marrinuu barsiisa isaa ni maalalffatan. Hafuurri battiin ka irra bule namichi bakka woligayii isaanii ture tokko, akkana jechu'uun ni iyye, «Yaa Yesusii Naazireetii, ati nu'uun woliin dhimma maal qabdda? Nu balleessu'uuf dhufitte moo? Ati eennuun akka taate ani ni beeka, ati Qulqulluu Waaqaati!» Yesus'llee hafuura battichaan, «Caldhisiitii isa keessaa bayi!» jedhee, itti ni baanateen. Hafuurri battiin'llee namicha kuffisee eega dhidhiitachiiseen duubatti, qoonqqa ol aana'aan iyya'aa isa keessaa ni baye. «Kun maali'i? Barsiisa haarawa attamiiti? Hafuuronni battiiwwan'llee uduu hin hafin aangoo isaatiin ni ajaja, isaan'llee ni ajajamaniif» jedha'aa, maalalffachu'uun, ufii isaaniitii wol gaafachuu, jala ni qaban. Bakkumatti, gurroon Yesusii biyyoota naannaya Galiila'aa jiran mara keessattuu, ni dhagayame. Yeroma sanitti Yesus bakka wolgayii isaaniitii bayee, Yaaqoobii fi Yohaannisiin woliin, gara mana Simoonii fi Indriyaasii ni aseene. Mana keessa'llee soddaatiin Simoonii dhukkuba oo'iinssa qaamaatiin dhukkubisattee ciifttee jirtti ture, waayee dukkubbisata isii'llee bakkumatti Yesusitti ni himan. Yesus'llee gara isi'ii dhiyaateeti harka isi'ii qabee ol ni kaaseen, oo'iinssi qaamaa'llee bakkumatti ni dhiiseen, kaatee'llee isaan ni keessummeeste. Aduun aseenittee yeroo dhiiyetti'llee namoonni dhukkubisattootaa fi worra jinni'iin qabaman mara qabatanii, gara Yesusii ni fidan. Namoonni magaala'aa marrinuu balbalatti wolgayanii jiran ture. Yesus worra dhukkuba adda addaatiin makkaraaran namoota baayi'ee ni fayyise, jinniiwwan baayi'een'llee isaan keessaa ni baase, jinniiwwan'llee inni eennuun akka ta'e ni beekan ture, haa ta'u malee Yesus akka dubbataniif isaanii hin eeyyaminne. Bari'uuf yoo dhiyaatutti, Yesus ganama obboro'oon ka'ee bayeeti, gara bakka udume'ee tokkoo dhaqee ni kadhate, Simoonii fi isa woliin worri turan'llee, isa barbaadu'uuf bayanii ni deeman. Yeroo isa argatanitti'llee, «Namoonni marrinuu si barbaadan» jedhaniin. Yesus'llee, «Ani ka dhufe barsiisu'uuf waan ta'eef, wongeela akka barsiisuuf, gara gandoota dhiyoo jiranii haa deeminnuu!» isaaniin jedhe. Kanaaf bakka woligayii isaanii titti barsiisa'aatii fi jinniiwwan'llee baasa'aa, Galiilaa mara keessa ni naanaya ture. Namichi waashaye tokko gara Yesusii dhufeeti miila isaa jalatti jilbbiiffatee, «Yoo eeyyamtte ana fayyisu'uu ni danddeetta» jechu'uun, ni kadhateen. Yesus'llee garaa laafeefiiti harka isaa hiixatee qaqaba'aanii, «Eeyyamee jiraa fayyi!» jedheen. Namichi'llee bakkumatti waashayinna irraa ni fayye. Yesus'llee namicha ciminnaan ufi eeggachiiseenii ni geegesseen. «Waan kana eennutti'llee akka hin himnneef ufi eeggadhu, garuu deemiitii mataa kee qeesichatti muldhis, isaaniif'llee ragaa akka ta'u waayee fayyinna keetiitiif, kitimaa dhiyeessi» jedheen. «Haa ta'u malee namichi achii bayee, waan kana maraa nama marattuu odeessuu jala ni qabe. Waayee kanaan'llee Yesus gara magaalaa kamiituu, ifatti aseenu'uuf hin dandeenne. Garuu magaala'aan alatti bakka naminni hin jirre ni jiraata ture. Ta'u'llee namoonni bakka maraa gara isaa ni dhufan ture.» Guyyaa muraasaan duubatti Yesus gara Qifirnaahoomii deebi'ee ni dhufe, achitti'llee mana keessa jiraachuun isaa ni dhagayame. Manni ka hin geenne ta'ee alli'llee haga dhiphatutti, namoonni baayi'een wol ni gayan, dubbii Waaqaa'llee isaan ni barsiisa ture. Yeroo sanitti namoonni afurii namicha naafa tokko baatanii gara isaa, ni dhufan. Baay'inna ummataa irraa ka ka'een'llee namicha naaftticha gara Yesusii dhiyeessu'uuf dadhabinnaan, gara Yesus jiruun baaxii manaa diiganii, naafayaa siree isaa woliin gad ni buusaniin. Yesus'llee amantii isaanii argee laamshayichaan, «Ilma kiyya cubbuun kee siif dhiifamee jira» jedheen. Achi'llee ta'anii worri turan barsiisonni seeraa tokko tokko, onnee isaanii keessatti akkana ni jedhan, «Naminni kun maali'iif arraba akkanaa Waaqa irratti dubbata? Waaqa tokko malee ka cubbuu namaa dhiisu'uuf dandda'u eennu?» Bakkumatti Yesus yaada onnee isaanii kana, hafuura isaatiin beekee akkana isaaniin ni jedhe, «Waayee maali'iitiif onnee keessantti kana yaaddan? Namicha naafttichaan, ‹cubbuun kee siif dhiifamee jira› jechu'uu fi ‹ka'ii siree kee baadhuutii deemii!› jechuu, kamittu irra salpha'a? Garuu Ilmi Namaa arddii irratti cubbuu dhiifama taasisu'uuf, aangoo ka qabu ta'uu isaa akka beekittaniif» jedhee, naafttichaan, «Ka'i! Siree kee baadhuutii gara mana keetii deemi! siin jedha» ni jedheen. Naafttichi'llee bakkumatti ka'eeti siree isaa baadhatee, namoota mara duranatti ni baye. Kanaaf namoonni marrinuu maalalffatanii, waan akkana jiru kana, gonkumaa arginee hin beekinnu, jedha'aa Waaqa ni galateeffatan. Yesus'llee deebi'ee gara garba ciisaa Galiila'aa bira ni deeme, ummanni marri'llee wolgayanii gara isaa dhufaniiti, isaan ni barsiise. Achi biraan'llee dabrra'aa uduu jiru bakka qaraxa itti wolitti qaban taa'ee jira ka ture, ilma Alfewosii Leewii argee «Ana horddof!» jedheen, inni'llee ka'ee ni horddofeen. Kanaan duubatti Yesus mana Leewi'ii nyaataaf taa'ee jira ture, namoonni baayi'een'llee horddofaniinii jiran waan turaniif, isaan keessaa'llee qaraachonni baayi'ee fi cubbamoonni'llee, Yesusii fi barattoota isaa woliin nyaataaf dhiyaatanii jiran ture. Gara worra Fariisotaatii ka ta'an barsiisonni seeraa, Yesus worra qaraacotaatii fi cubbamootaa woliin yoo nyaatu arganii, «Worra qaraacotaatii fi cubbamootaa woliin ka nyaatuu fi ka dhugu, waayee maali'iitiif?» jechu'uun, barattoota isaa ni gaafatan. Yesus'llee kana dhagayee, «Dhukkubsattoota malee fayyaaleyyiin ogeessa fayya'aa isaan hin barbaachisu, ani'llee ka dhufeef ququllaayota uduu hin ta'in, cubbamoota gara dhiifamaa cubbu'uu titti waamu'uuf» isaaniin jedhe. Ergamittoonni Yohaannisiitii fi Fariisonni'llee ni sooman turan. Namoonni tokko tokko gara Yesusii dhufanii, «Ergamittoonni Yohaannisiitii fi Fariisootaa ni sooman, ergamittoonni kee garuu ka hin soominne, waayee maali'iitiif?» jedhaniin. Yesus'llee, ka fuudhu uduu isin woliin jiru, jaalonni soomuun isaan irraa ni malaa ree? miti! ka fuudhu isaan woliin uduu jiru, soomuun isaan irra hin jiru. Garuu ka fuudhu guyyaan isaan biraa itti fudhatamu ni dhufa, yeroo sanitti ni sooman. «Uffata moofe irratti subbee haarawa ka erbbu hin jiru, kun yoo raawwatame garuu subbeen haarofitti uffata moofaa wolitti guuru'uun ni tarsaasaan, tarsaan'llee ka duranii irra ka caalu ni ta'a. Akkuma kana qalqala daadhii woyinni'ii ta moofttetti daadhii woyinni'ii haarawa ka kaayu hin jiru, yoo raawwatame garuu daadhiin woyinni'ii qalqala ni dhoosa, daadhiin woyinni'llee ni jiga, qalqalli'llee tasa ni ta'a. Kanaaf daadhii woyinni'ii haarawaaf, qalqala haarawa barbaachisa» isaaniin jedhe. Guyyaa sanbbataatiin Yesus oorruu qamadi'ii jiddu'uun ni dabrra ture. Ergamittoonni isaa'llee yoo deemanitti asheeta qamadi'ii, muruu jala ni qaban. Fariisonni'llee, «Kunoo, ergamittoonni kee guyyaa Sanbbataatiin, waan hin eeyyamamin waayee maali'iitiif raawwatan?» jechu'uun, ni gaafataniin. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Daawiit horddofittoota isaa woliin yeroo beelayee fi rakkatetti, maal akka raawwate isin hin dubbifinne moo? Abiyaater itti gaafatamaa qeesotaa bara turetti, inni gara Mana Waaqaa aseenee, qeesotaaf malee kuunniiniif akka nyaatan ka hin eeyyaminiif, hibsttii qulqullaawome ka Waaqaaf dhiyaate nyaate, namoota isa woliin ni jiran turaniif'llee ni kenne.» Deebi'ee'llee Yesus akkana isaaniin ni jedhe, «Sanbbatatu namaaf hojjatame malee, naminni Sanbbataaf hin uumaminne. Akkuma kana Ilmi Namaa Sanbbataaf'llee, Goofta'a» jedhe. Yesus'llee deebi'ee gara bakka woligayii isaanii ni aseene, achi'llee nama harki isaa naafaa tokkotu jira ture. Yesusiin himachu'uuf namoonni barbaadan, «Guyyaa Sanbbataatiin ka fayyisuun yoo ta'e mee haa laalluu!» jedhanii, ni eegganiin ture. Yesus'llee namicha harka naafaatiin, «Koottuutii jidduu dhaabadhu!» jedheen. Achiin duubatti'llee, «Haa ta'u malee guyyaan Sanbbataatiin ka eeyyamame, waan mishaa raawwachu'u moo yookiin hama'a? Lubbuu fayyisu'uu moo yookiin balleesu'u?» jedhee isaan ni gaafate. Yesus'llee waayee haddooddii onnee isaaniif gaddee, naannoo isaa worra jiran laaleeti namichaan, «Harka kee diriirssi!» jedheen. Inni'llee yeroo diriirsetti, harki isaa ni fayyeef. Bakkumatti Fariisonni bayanii attami taasisanii Yesusiin akka balleessaniin, namoota Heerodisii woliin ni mari'atan. Yesus barattoota isaa woliin gara garba ciisaa Galiila'aa ni deeme. Galiila'aa fi Yihuda'aa'llee namoonni baayi'een ni horddofaniin. Ni taasisa waan ture mara'llee yeroo dhagayanitti namoonni baayi'een isa ni horddofaniin, isaan'llee Galiila'aa, Yihuda'aa, Yerusaalemii, Edomiyaas, Yordaanosiin gama biyya jiruu'llee, akkuma kana magaalota Xiiroosii fi Sidoonaatti'llee ka dhufan ni jiran ture. Baayi'nna ummataa irraa kan ka'een akka isa hin haccuu'cineef, hoboloo qopheessanii akka dhiyeessaniif, barattoota isaa ni ajaje. Namoota baayi'ee dhukkuba isaanii irraa, isaan fayyisee waan tureef, worri dhukkubaan makkaraaran marrinuu harka isaaniitiin isa tuqu'uuf barbaadanii, ni haccuucaniin ture. Hafuuronni battiiwwan'llee yeroo isa arganitti isa duranatti kufa'aa, «Ati Ilma Waaqaati!» jedha'aa, ni iyyan ture. Inni garuu eennummaa isaa akka hin ibisineef, ciminnaan isaanitti ni baanate. Yesus gara gaaraa yeroo bayetti isaan worra barbaade sanniin gara isaa ni waame, Isaan'llee gara isaa ni dhiyaatan. Isa woliin akka ta'anii fi haa barsiisaniif'llee akka isaan ergu kudha lamaan filatee, «Ergamittoota» jedhee, isaan ni moggaase. Jinniiwwan akka baasaniif'llee aangoo isaaniif ni kenne. Ergamittoonni filataman kudha lamaan'llee kanniin, Phexiros jedhee ka moggaase Simooniin, Bo'anergees yookiin ijoollee hangaasu'uu jedhee ka moggaase, ijoollee Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannisiin, Indriyaas, Filiphos, Bartolomewos, Maatewos, Toomaas, ilma Alfewosii Yaaqoobiin, Taadewosii fi Simoonii hinaafticha. Yesusiin'llee dabarssee ka kenne, Yihudaa nama biyya keriyoot. Kanaan duubatti'llee Yesus gara manaa ni aseene. Yesusii fi barattoonni isaa nyaatuma'llee nyaachuu haga dadhabanitti, deebi'ee namoonni baayi'een wol ni gayan. «Yesus maraatee jira!» yoo jedhamu dhagayuu isaaniitiin worri isaa isa qabu'uuf, gara isaa ni dhufan. Barsiisonni seeraa worri Yerusaalemii bu'an, «Inni Bi'el zebuliin qaba! Jinniiwwan'llee ka baasu, itti gaafatamaa jinniiwwanii ka ta'e, Bi'el zebuliii kanaan!» jedha'aa ni odeessan. Yesus'llee isaan gara isaa waamee fakkeennaan akkana isaaniin ni jedhe, «Sheexanni attamitti sheexana baasu'uuniif danda'a? Mootummaan tokko adda qoodamee ufii isaatii ka wolitti bu'u yoo ta'e, mootummaan sun jabaatee dhaabachu'uuf hin danda'u. Akkuma kana maatiin tokko ufii isaatii yoo gargar fooyamee, jabaatee jiraachu'uuf hin danda'u. Kanaaf Sheexanni ufii isaatii gargar yoo fooyyaye ni bada malee, jiraachuu hin danda'u.» «Akkuma kana gara mana nama jabaa tokkoo aseenee, durssee nama jabaa san uduu hin hidhin, qabeenna isaa saamu'uuf ka danda'u hin jiru. «Dhugamaan isiniin jedha, cubbuun namoonni hojjatanii fi dubbiin arrabaa ka dubbatan maraafuu, dhiifaminni ni taasfamaaf. Garuu Hafuura Qulqulluu irratti dubbii arrabaa ka dubbatu marrinuu, liqaa bara baraa itti ta'a malee, gonkumaa cubbuu isaatiif dhiifamnni hin taasfamuuf.» Yesus kana ka dubbateef, «Hafuura batti'iitu isa keessa jira» jechuu, isaaniitiin ture. Haati yesusiitii fi obboleeyyan isaa gara isaa ni dhufan, ala'llee dhaabatanii gara isaa nama erganiiti, ni waamsisaniin. Namoonni naannaya ta'anii jiran turan'llee, «Kunoo! Haatetii fi obboleeyyan kee, ala dhaabatanii si barbaadan» jedhanii, itti himan. Inni'llee, «Haati tiyya eennu? Obboleeyyan kiyya hoo eennuun fa'a?» jechu'uun, ni deebise. Gara worra naannaya isaa ta'anii jiran turanii laala'aa, «Kunoo! Haati tiyyaa fi obboleeyyan kiyya'llee kanniin! Fedhii Waaqaa ka raawwatu marrinuu, inni obboleesa kiyya, obboleettii tiyyaa fi haadha tiyya'lle'e» jedhe. Yesus deebi'ee garba ciisaa biratti barsiisuu jala ni qabe. Namoonni haalaan baayi'ee'llee gara isaa dhufanii woligayuu isaaniitiin, inni hoboloo garba ciisaa irra jirttu irra bayee ni taa'e, ummanni marri'llee daangaa garba ciisaa ni turan. Wonittoota baayi'ee'llee fakkeennaan isaan ni barsiise, yoo isaan barsiisu'llee akkana isaaniin jedhe, «Dhagayaa! Kunoo, qotee bulaan sanyii facaasu'uuf ni baye, facaasa'aa uduu jiru'llee sanyiin tokko karaa biratti ni bu'e, sinbirroonni'llee dhufanii ni nyaatan. Sanyi'iin bira'aa bakka biyyeen baayi'een hin jirre lafa dhaga'aa irra ni bu'e, bakki'llee biyyee baayi'ee waan hin qabnneef, bakkumatti ni baye. Haa ta'u malee yeroo aduun baatetti ni qaamaye, hidda gad fagaate waan hin qabnneef'llee ni goge. Sanyiin bira'aa ximirroo qore'ee jiddu'utti ni bu'e, qoreen'llee yeroo guddattetti waan hudheeniif, firii malee ni hafe. Sanyiin bira'aa lafa mishaa irratti bu'ee ni baye, biqilli isaa'llee guddatee firii ni kenne, tokko soddoma, tokko jahaatama, tokko'llee dhibba ni daraare.» Itti aanssee'llee Yesus, «Ka Gurra dhagayu qabu, haa dhagayu!» jedhe. Yesus adda isaa yeroo ta'utti ni horddofaniin namoonni turanii fi barattoonni isaa kudha lamaan, waayee hiikkaa fakkeennota ni gaafataniin. Inni'llee akkana isaaniin jedhe, «Waayee dhossaa Mootummaa Waaqaa beeku'uun isiniif kennamee jira, worra ala jiraniif maraaf garuu, wonitti marrinuu fakkeennaan isaanitti ni himama. Kun'llee ka ta'u, ‹Isaan gara Waaqaa deebi'anii, cubbuun isaanii akka isaanii hin dhiifamnneef, laaluu uduma laalan garuu onne'etti hin qabatan, dhagayuu'llee uduma dhagayan, hin hubatan› » akkuma jedhame. Yesus'llee akkana isaaniin jedhe, «Isin'llee fakkeenni kun isiniif hin galuu? Eegaa fakkeennota kaanniin mara attamitti hubachu'uuf dandeettan ree? Ka facaasu dubbii Waaqaa ni facaasa. Dubbiin Waaqaa yeroo facaafametti'llee sanyiin karaa biratti bu'e ka muldhisu, dubbii yeroo dhagayanitti bakkumatti sheexanni dhufee dubbii onnee isaanii titti facaafame, waayee namoota irraa fudhatamuuti. Akkuma kana lafa dhaga'aa irratti ka facaafame ka muldhisu, waayee worra dubbii yoo dhagayan bakkumatti gammachu'uun fudhataniiti. Inni garuu yeromaaf malee onnee isaanii keessatti hidda hin fageeffanne, yeroo muraasaan duubatti sababa dubbii Waaqaatiin rakkinni yookiin ari'amuun isaan irra yoo gaye, bakkumatti gufatanii ni kufan. Qoree jiddu'utti ka facaafame ammoo ka muldhisu, waayee namoota dubbii Waaqaa dhagayaniiti. Haa ta'u malee yaadinni biyya lafa kanaa, jaalallitti qabeennaatii fi ka bira'aa'llee hawwiin tasaa gara onnee isaanii aseenee dubbii Waaqaa waan hudhuuf, firii malee ni hafa. Lafa mishaa irratti ka facaafame garuu ka muldhisu, waayee namoota dubbii Waaqaa dhagayanii hubanna'aan fudhataniiti. Ka akkanaa kun tokko soddoma, tokko jahaatama, tokko'llee firii dhibba, ni daraara.» «Naminni ibisaa ibisee ginddoo jala yookiin siree jala ni kaayaa ree? Ka kaayu bakka ifin isaa itti mulidhatu baattuu ibisa'aa irraa mitii ree? Akkuma kana wonitti dhoffame uduu hin mulidhatin, ka bade'llee uduu hin beekkamin hin hafu. Eegaa ka gurra dhagayu qabu, haa dhagayu!» Deebi'ee'llee Yesus akkana isaaniin ni jedhe, «Waayee waan dhageettaniitiif ufi eeggadhaa! Waanuma isin ittiin safarttaniin isiniif'llee ni safarama, caala'atti'llee isiniif ni dabalama. Ka qabuuf ni kennama, yoo ka hin qabnnee garuu, ka qabu sunuu irraa ni fudhatama» jedhe. Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Mootummaan Waaqaa biyya lafaa irratti nama sanyii facaasu fakkaati. Namichi halkan ni rafa, guyyaa'llee ni ka'a, attam akka ta'e'llee uduu hin beekin sanyiin ni biqila, ni guddata'lle'e. Arddiin'llee jalqaba mataa isi'iitiin biqilttuu, itti fufiinsaan'llee mataa midhaanii ni mulidhiftti, maa'ii'llee mataa irratti firiin ni argama. Midhaan'llee yoo gayetti yeroo callaan wolitti qabamu waan ta'eef, namichi bakkumatti haamittuu ni qopheessa.» Yesus akkana ni jedhe, «Mootummaa Waaqaa maali'iin wolitti isii bikkinaan? Yookiin Fakkeenna maali'iitiin isii ibisinaan? Sanyii suuniffa'aa ni fakkaatti, isiin yoo facaafamttutti sanyii arddii irra jiran mara irraa ta diqaatte. Eega facaafamtteen duubatti garuu guddattee biqilttuu maraa ni caaltti, sinbirroonni sami'ii'llee irratti mandhee ijaaratanii, boqachuu haga danda'anitti dameewwan ol aanttota ni baafitti.» Yesus'llee haga naminni hubachuu danda'aniitiin, kaniin ka fakkaatan fakkeennota baayi'e'een, dubbii Waaqaa isaanitti ni hima ture. Fakkeenna malee'llee isaan hin barsiisu ture, adda isaa yoo ta'an garuu, waan maraa barattoota isaa ni hubachiisa ture. Guyyaa san galgala Yesus barattoota isaatiin «Gara garba ciisa'aatiin gamaa haa ceenuu!» isaaniin jedhe. Ummata irraa'llee fooyamanii hoboloo inni yaabbatee tureen, Yesusiin qabanii ni deeman, hoboloowwan kuunniin'llee woliin ni jiran ture. Honbololattiin cimaan bubbe'ee ka'ee, haga bishaan hoboloo irratti guututti, danbaliin hoboloo dhayuu jala ni qabe. Yeroo sanitti Yesus, hoboloo irra gara kutaa duubaatiin boraatii boraafatee rafee jira ture, ergamittoonni isaa hirribaa kaasaniiniiti, «Yaa barsiisaa! Yobannu bannu garaa si hin nyaannuu ree?» ni jedhaniin. Inni'llee hirribaa ka'ee bubbe'etti ni baanate, garba ciisa'aan'llee, «Caldhisi!» ni jedheen, bubeen'llee ni dhiise, caldhisiinssi ol aanaan'llee ni ta'e. Yesus'llee, «Akkanatti ka sodaatan maali'iif? Attamitti'llee isin amantii hin qabanne?» isaaniin jedhe. Isaan'llee haalaan sodaatanii ufii isaaniitii woliin, «Haa ta'u malee, bubbe'ee fi garbi ciisaan'llee ka isaaf ajajaman, kun eennu?» woliin jedhan. Garba ciisaa Galiila'aa hobolo'oon ce'anii, gara biyya Geraasenoon ni gayan. Akkuma Yesus hoboloo irraa bu'een namichi hafuura hama'aan qabame tokko bakkumatti bakka awwaalaatii bayee, gara Yesusii ni dhufe. Naminni kun'llee bakka awwaalaa ni jiraata ture, naminni kumi'llee birbraatumaanuu hidhee isa tursiisu'uuf hin danda'u ture. Yeroo baayi'ee sibiila miilaatii fi birbiraataan ni hidhama ture, garuu birbiraata kukuta'aatii fi sibiila miilaa'llee cacabsa'aa ni gata ture, kanaaf isa qabee dhaabu'uuf ka danda'u eennu'llee hin turre. Yeroo mara'llee halkanii fi guyyaa uduu addaan hin kutin bakka awwaallaniitii fi gaarota mara irra naanaya'aa ni iyya ture, qaama isaa'llee dhaga'aan kukkutee ni mummuree ni madeessa ture. Inni'llee Yesusiin fago'oo yeroo argeenitti gara isaa fiigeeti, jilbba isaatiin jilbbiiffatee ni sagadeef. Qoonqqa ol aana'aan'llee iyya'aa, «Ati Ilma Waaqa ol aana'aa yaa Yesus! Ati anaan woliin dhimma maal qabddaa? Maqaa Waaqaatiin si ni kadhadha, yabo'oo ana hin makkaraarsin!» jedheen. Kana'llee sababaan jedheef, «Ati hafuurri battiin nama kana keessaa bayi!» jedhee, ajajeenii waan tureef. Yesus'llee, «Maqaan kee eennu?» jedhee ni gaafateen, inni'llee, «Baayi'eewwan waan taaneef maqaan kiyya Leegewoon » jechu'uun, ni deebiseef. Biyya sanii'llee akka isaan hin ariineef, cimissee ni kadhateen. Bakka san hunda gaarotaa titti gobbuun baay'een bobayee jira ture. Kanaaf, «Yabo'oo deeminnee gara booyyeewwanii titti akka aseennuuf nuuf eeyyami!» jedhanii, ni kadhataniin, Yesus'llee isaaniif ni eeyyame, hafuuronni hamaawwan'llee nama san keessaa bayanii, booyyeewwan keessa ni aseenan, gobbuu keessa ka turan booyyeewwan kuma lamaa gayan'llee, gatantara'aa bu'anii qilee irraa garba ciisaa jala ni taran. Tissitoonni booyyeewwanii dheessanii ni deeman, magaala'aa fi baadiyya'atti'llee oduu ni odeessan, namoonni'llee waan ta'e laalu'uuf mana isaanii maraa ni bayan. Gara Yesus'llee dhufanii namichi hafuurota batti'iin qabamee ture sun dhukkuba isaa ka sammu'uu irraa fayyee, uffata isaa uffatee, taa'ee yeroo isa arganitti ni nayan. Kana'llee durssanii namoonni argan, namicha hafuurri jinni'ii irra buleetii fi booyyeewwan irratti waan ta'e maraa, isaanitti ni odeessan. Yeroo sanitti namoonni biyyaa marri bayanii Yesus biyya isaanii keessaa bayee akka deemuuf ni kadhataniin. Yesus uduma gara hobolo'oo irraa bayu'utti jiru, namichi hafuurri battiin irra bulee ture, «Yabo'oo si haa horddofuu!» jedhee, ni kadhateen. Yesus garuu hin eeyyamnneef, garuu, «Gara mana keetii deemiitii Gooftaan waan ol aanaa attamii akka si raawwate fi waan ol aanaa taasise, attamitti'llee akka si fayyise, maatii kee titti odeessi» jedheen. Namichi'llee waan Yesus isaa taasiseef, «Magaalaawwan kurnan» biyya jedhamutti, odeessuu jala ni qabe. Worri dhagayan marri'llee ni maalaliffatan ture. Yesus hobolo'oon gara garba ciisa'aan gamaa deebi'ee yeroo deemetti, namoonni baayi'een gara isaa wol ni gayan, yeroo sanitti inni garba ciisaa bira ni ture. Achitti'llee itti gaafatamoota bakka woligayii isaanii keessaa tokko ka ture, Yaayiros namichi jedhamu Yesusiin yeroo argetti, miila isaa jalatti jigee, «Mucattiin tiyya diqqittiin dhukkubisattee qarree du'aa irra jirtti, akka fayyituu fi lubbu'uun akka jiraattu, yabo'oo koottuutii harka kee isii irra kaayi!» jechu'uun, cimssee ni kadhateen. Yesus'llee woliin ni deeme, namoonni baayi'een'llee horddofaniinii, naannaya isaatiin ni hacuucaniin ture. Woggaa kudha lamaaf dhiiginni isi'ii jiga'aa ka makkaraarttu, dubarttii takkatu ture. Yaalaa tokkoo gara yaalaa bira'aa deemu'uun baayi'ee makkaraara'aatii fi qabeenna isi'ii mara'llee fixxee turtte. Garuu ittuma jabaata'aa deeme malee, womaayyuu isi'itti hin woyyanne. Isiin'llee gurroo Yesusii dhageettee jirtti waan turtteef, ummatuma wol hacuucu jidduu gara duubaatiin dhufittee, uffata isaa ni tuqixxe. Kana'llee wonitti raawwatteef, «Uffatuma isaatuu yoo tuqee ni fayya» amantii, jedhuun ture. Dhiiginni isi'ii ka jigu'llee bakkumatti ni dhaabate, dhukkubisata isi'ii irraa akka fayyite'llee, qaama isii keessa itti ni dhagayame. Yesus'llee bakkumatti huminni isa keessaa akka baye ni beeke, gara ummataa'llee garagalee, «Uffata kiyya ka tuqe eennu?» jechu'uun, ni gaafate. Ergamittoonni isaa'llee, «Ummanni wol hacuuca'aa akka si horddofu uduu argitu, ‹eenutu ana tuqe?› jettaa?» jedhaniin. Inni'llee kana ka raawwate eennuun akka ta'e laalu'uuf, ufi irra garagalee ni laale. Dubarttiin garuu waan isii irratti ta'e beekuu isi'iitiin, soda'aan hollata'aa isa duranatti kufttee, dhugaa maraa itti ni himtte. Inni'llee, «Yaa mucattii tiyya, amantiin kee si fayyisee jira, nagayaan deemi, makkaraarnna kee irraa'llee fayyi» jedheen. Yesus uduma kana dubbachuu irra jiru mana itti gaafatamaa bakka wolgayii isaaniitii namoonni dhufan, itti gaafatamaa bakka woligayi'iitiin, «Mucattiin tee duutee jirtti, eegaa waayee maali'iitiif barsiisaa dadhabsiifttaan?» jedhaniin. Yesus garuu kana dhagayee itti gaafatamaa bakka woligayii isaaniitiin, «Amani qofa malee hin sodaatin!» ni jedheen. Yesus Phexirosii fi Yaaqoob, obboleessa Yaaqoobii Yohaannisiin malee, eennu'llee akka isa horddofuun hin eeyyaminne. Gara mana itti gaafatamaa bakka woligayii isaanii yeroo gayanitti Yesus, namoonni yoo wocan, yoo booyanii fi yoo iyyan'llee ni arge. Gara keessaa'llee aseenee, «Jeequmssi kun marrinii fi booyichi waayee maali'iitiif? Mucattiin mugiddee jirtti malee hin duune» isaaniin jedhe. Namoonni'llee baldu'uun itti ni kolffan, Yesus garuu isaan maraa manaa keessaa ni baase, haadhaa fi abbaa mucatti'ii worra isa woliin turan'llee ufi duukaa qabatee, gara kutaa mucattiin keessa turttee ni aseene. Harka mucatti'ii'llee qabee, «Xaliitaa quumii!» jedheen, hiikkaan isaa'llee, «Mucattii nana ka'i siin jedha» jechu'u. Isiin'llee mucattii woggaa kudha lamaa waan tureef, bakkumatti kaatee asii fi achi jechuu jala ni qabdde, kana'llee yeroo ta'etti namoonni haalaan ni maalaliffatan. Yesus garuu waan kana eennu'llee akka hin beekinneef isaan ajajeeti, «Waan nyaatu kenna'aafii» isaaniin jedhe. Yesus achii bayee gara biyya isaa ni dhufe, barattoonni isaa'llee ni horddofaniin. Guyyaa sanbbataatiin bakka woligayii isaanii titti barsiisuu jala ni qabe, namoonni baay'een'llee achitti argamanii ni dhageeffataniin turan, isaan'llee, «Naminni kun waan kana mara eessaa argate? ogummaa attamiititu isaaf kennamee jira? Wonittoota baasotaa kanniin hoo ka raawwatu attamitti?» jedha'aa, ni maalaliffatan ture. Itti aanssanii'llee, «Haa ta'u malee kun ilma Maariyaamii muka bocaa sanii mitii? Obboleessa Yaaqoobii, Yoosaa, Yihuda'aa fi obboleessa Simooniitii mitii? Obboleetiiwwan isa ka dubaraa'llee worruma asi nu woliin jiranii mitii?» jedha'aa, tuffachu'uun, uduu ufitti hin fudhatiniin, ni hafan. Yesus garuu, «Nabiyyiin kaaniin biratti ni kabajama, biyya isaa titti, firoota isaatii fi maatii isaa jiddu'uutti garuu ni tuffatama» jechu'uun, isaanii ni deebise. Achitti'llee dhukkubisatoota muraasa irra harka isaa kaayee fayyisu'uun alatti, baasa bira'aa taasisu'uuf hin dandeenne. Ummanni amanuu dhabuu isaatiin haalaan ni maalale, kanaan duubatti Yesus ganda mara keessa nanaya'aa, ni barsiisa ture. Kudha lamaanuu gara isaa waamee lama lama taasisee isaan ni erige, Hafuurota battiiwwan irratti'llee aangoo isaaniif ni kenne, Karaa isaaniitiif ulee malee buddeena ta'ee qaraaciitii, qarshii'llee sabata isaanii titti akka hin qabanneef isaan ni ajaje. Akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Miila keessantti'llee kophee godhadhaa malee, kittama'llee jala hin uffatinaa.» Bakka kamittuu, «Gara mana nama tokkoo yeroo aseenittan, haga bakka san gad dhiifittanitti achuma turaa, bakka namoonni isin ufitti isin hin fudhannee fi isin jalaa hin dhageenne marattuu, awwaara miila keessan dhadhayadha'aatii achii baya'aatii deemaa, kun'llee isaaniif ragaa ufi eegganna'aa itti ni ta'a.» Worri ergaman'llee achii bayanii namoonni marrinuu dhiifamaan gara Waaqaa akka deebi'aniif, ni barsiisan. Jinniiwwan baayi'ee'llee ni baasan, namoota baayi'ee'llee zayiitii ejerssaa diba'aa ni fayyisan. Gurroon Yesusii mara birattuu waan beekkameef, nugusichi Heerodis waayee isaa ni dhagaye. Namoonni tokko tokko, «Yohaannisiin cuuphaan du'aa ka'ee jira, kanaaf wonitti baasaa kun marrinuu isaan raawwatama» ni jedhan ture. Kuunniin'llee, «Eliyaas» jedhan ture, kuunniin'llee, «Nabiyyoota duraanii keessaa akka tokkooti,» ni jedhan ture. Heerodis garuu kana maraa dhagayee, «Kun ka ani mormma isaa murssiise Yohaannis, kunoo! Inni du'aa ka'ee jira!» jedhe. Heerodis haadha worraa obboleessa isaa Filiphosii Hirodiyaadaa waan fuudheef, Yohaannisiin sababa isi'iitiin qabsiisee, mana hidha'aa titti hidheenii ture. Yohaannis'llee ka hidhame Heerodisiin, «Haadha worraa obboleessa keetii fuudhuun kee sirri'ii miti!» jedheenii, waan tureef. Heerodiyaadaan'llee waan kanaan komattee Yohaannisiin ajjeesisu'uuf ni barbaadda ture, garuu hin dandeenne. Heerodis jalqaba Yohaannis qulqullaayomichaa fi Qulqulluu ta'uu isaa waan beekuuf, ni sodaataanii fi ni eegaanii'llee ture. Heerodis haasaya Yohaannisii adaduma dhagayuun ni raafama ture. Haa ta'u malee gammachu'uun ni dhageeffataan ture. Heerodis guyyaa itti dhalate kabaju'uuf namoota aangoo qaban ka mootumma'aatiif, filatamittoota woraanaa, namoota Galiila'aa ka beekkaman jiraattotaaf afeerrii ol aanaa ni taasise, kun'llee Heerodiyaada'aaf carraa mishaa ni ta'eef. Kanaaf intaltti Heerodiyaada'aa gara galmma afeerri'ii aseenittee, sirba'aa Heerodisii fi afeeramttoota isa woliin jiran ni gammachiiftte. Nugusichi'llee intalatti'iin, «Waan barbaadu kamiinuu ana gaafadhu, siif kenna» isi'iin jedheen, «Wolakkama mootummaa kiyyaa'llee yoo ta'e, waan ana gaafattu maraa siif kenna!» jechu'uun, ni kakateef. Isiin'llee gara haadha isi'ii dhaxxee, «Maal haa gaafadhu isi'iin jette, haati'llee, ‹mataan Yohaannisii cuupha'aa haa naaf kennamu› jedhii gaafadhu» jetteen. Intaltti'llee bakkumatti dadafaan gara nugusichaa deebitee, «Mataan Yohaannisii cuupha'aa qori'iin ta'ee amma akka naa kennamu barbaada» jechu'uun, ni gaafate. Nugusichi'llee waan kanaan haalaan ni gadde, haa ta'u malee afeeramittoota duranatti waayee kakuu raawwateetiif jecha, waan isiin gaafatte dhoogachu'uuf hin barbaanne. Kanaaf nugusichi bakkumatti lolttuu eegaa wordiyya'aa keessaa tokko mataa Yohaannisii muree akka fiduuf ni ergeen, Lolttichi'llee gara mana hidha'aa dhaqee mataa Yohaannisii ni mure, mataa murame'llee qorii keessa kaayee fideeti intalatti'iif ni kenne, intalattiin'llee haadhaaf ni kennite. Barattoonni Yohaannisii kana yeroo dhagayanitti dhufaniiti, reeffa isaa fudhatanii ni awwaalaniin. Ergamittoonni bakka itti ergamanii deebi'anii dhufanii Yesusiin duratti wol ni gayan. Waan raawwatanii fi waan barsiisan mara itti ni himan. Inni'llee, «Isin adda keessan gara bakka udume'ee tokkoo deema'aatii yeroo muraasa boqadhaa!» isaaniin jedhe. Kana'llee sababaan jedheef gara isaanii ka dhufanii fi ka deemaan'llee namoota baayi'ee waan turaniif, nyaachisu'uuf, yeroo argachu'uuf waan dadhabaniif. Kanaaf adda isaanii ta'u'uuf hoboloo yaabatanii, gara bakka udume'ee tokkoo ni deeman. Haa ta'u malee yeroo isaan deemanitti namoonni baayi'een arganii isaan ni beekan, magaalaa maraa'llee bayanii miilaan fiiga'aa isaan durssaniiti, isaa biratti wol ni gayan. Yesus hoboloo irraa yoo bu'utti namoota baayi'ee ni arge, akka hoolota tissee hin qabnnee ta'uu isaaniitiin'llee isaanii ni gadde, waan baayi'ee'llee isaan barsiisuu jala ni qabe. Yeroon dhiya'aa deemuu isaatiin ergamittoonni isaa gara Yesusii dhiyaatanii akkana ni jedhaniin, «Bakki jirru gammoojji'i, yero'oon'llee dhiiyee jira, waan nyaatan hin qabaniit gara baadiyyootaa fi gandoota naannoo jiranii deemanii waan nyaataa akka bitataniif, namoota kanniin haa geegessinuu» jedhaniin. Yesus garuu, «Waan nyaatan isin isaanii kennaa!» jechu'uun ni deebise. Isaan'llee, «Eegaa deeminnee buddeena nyaatan dinaara dhibba lamaan binnee haa kenninuufii ree?» jedhan. Inni'llee, «Buddeena meeqa qabdan? Mee deema'aatii laalaa» isaaniin jedhe, laalanii'llee, «Buddeenni shanii fi qurxummiin lamaa ni jira» jedhaniin. Yesus'llee ummata garee gare'een isaan qoodeeti, raasaa marga lalisa'aa irra akka isaan teesisaniif, barattoota isaa ni ajaje. Kanaaf ummanni dhibbaa fi shantamaan qoodamee, gare'een ni taa'an. Yesus'llee buddeenna shanii fi qurxummii lamaan ol fuudhee, gara sami'ii ol jedhee laaleeti ni eebbise, buddeena'llee kukkutee namootaa akka qoodaniif barattoota isaa titti ni kenne. Akkuma kana qurxummii lamaan'llee maraafuu ni qoode. Marrinuu nyaatanii ni quufan. Barattoonni isaa'llee hambbaa hafe ginddoo kudha lamaa guutuu wolitti ni qaban. Buddeena ka nyaatan laakkofssi worra dhiiraa, haga kuma shanii ni gaya ture. Yesus bakkumatti ummata geegessa'aa uduu jiru barattoonni isaa hoboloo yaabatanii gara gamaa, gara Beetsayida'aa ce'anii akka isa durssan, isaan ni ajaje. Kanaan duubatti isaan biraa fooyamee kadhachu'uuf gara gaaraa ni baye. Yeroo dhiyetti'llee hoboloon garba ciisaa jidduu ni jirtti turtte, inni garuu adduma isaa arddii irra ni ture. Barattoonni isaa sababaa bubbee gara durana isaaniitiin bubbisuutiin, bishaan dhayachu'uuf rakkatanii yoo sarddaman isaan ni arge, halkan keessaa'llee saa'aatii sagalii haga kudha lamaa yeroo jirutti, garba ciisaa irra tarkaanfata'aa gara isaanii ni dhufe, isaan bira dabrree'llee deemu'uuf ture. Garuu isaan garba ciisaa irra tarkaanfata'aa yeroo deemu arganiinii, sawaala isaanitti fakkaatee ni iyyan. Marrinuu yeroo isa arganitti, ni nayan. Inni garuu bakkumatti, «Jabaadhaa!, Anaa bee hin sodaatinaa!» isaaniin jedhe. Gara hoboloo irra'llee bayee isaan woliin yeroo ta'etti bubbeen ni dhaabatte, barattoonni isaa'llee haalaan ni baaseffatan. Eegaa, onneen isaanii hadooddee, baasa buddeenaa uduu hin hubatin hafaniiti malee, wonitti kun isaan hin baaseffachiisu ture. Garba ciisaa ce'anii gara Genesaarexii ni gayan, hoboloo'llee gara arddi'ii dhiyeessanii ni hidhan. Hoboloo irraa'llee akkuma bu'aniin bakkumatti, namoonni Yesusiin ni beekaniin. Isaan'llee naannoo biyya sanii keessa asii fi achi jedha'aa, gara bakka Yesus jiruu mara dhukubbisattootaa sire'een baatanii fiduu jala ni qaban. Bakka dhaqan marattuu gandoota, magaala'atti, baadiyya'atti'llee dhukubisattoota gara bakka yaa'ii titti baasa'aa isa duranatti isaan ni dhiyeessan ture, qaccee uffata isaatuu tuqumaaf'llee ni kadhataniin ture, worri tuqaniin marri'llee ni fayyan ture. Fariisotaa fi barsiisonni seeraa worri Yerusaalemii dhufan tokko tokko, gara Yesusii dhufanii naannaya isaa titti, wol ni gayan. Barattoota Yesusii keessaa tokko tokkoon isaanii harka seeraan hin qulquleefamin jechuun harka hin miicaminiin, buddeena yoo nyaatan isaan ni argan. Fariisotaa fi ka hafan aadaa jaarsotii worra Yihudotaa eegu'uun, harka isaanii seeraan yoo hin miicatin, hin nyaatan turan. Akkuma kanaan gaba'aa yeroo deebi'antti miicatan malee hin nyaatan turan, waaccaa, ottee, meeshaawwan sibiila diima'aatii fi siree, akka miicu'uu ka jiru, ka bira'aa'llee aadaa baayi'ee ni eeggatan turan. Kanaaf Farisonnii fi barsiisonni seeraa, «Barattoonni kee aadaa jaarsotaa dabrru'uun, waayee maali'iif uduu harka isaanii hin miicatin buddeena nyaatan?» jechu'uun, Yesusiin ni gaafataniin. Inni garuu akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Isin fakkeessitoota nana! Isaayaas waayee keessan, ‹ummanni kun afaanuma qofaan ana kabaja malee, onnee isaatiin ana irraa ka fagaatee! Seera naminni baase akka seera Waaqaa taasisanii barsiisa'aa, tasaan ana ni Waaqeffatan!› jedhamee, raaginni dubbatame sirri'i.» «Kanaaf isin ajaja Waaqaa dhiifittanii, aadaa naminni baase ni eegidan.» Itti aanssee'llee Yesus akkana isaaniin ni jedhe, «Aadaa keessan eeggachu'uuf jettanii ajaja Waaqaa ni dhiifittan, Museen, ‹abba'aa fi haadha kee kabaji, akkuma kana abbaa isaa yookiin haadha isaa irratti waan hamaa naminni dubbatu, du'aan ni adabama› jedha. Isin garuu akkana jettan, ‹naminni tokko abbaa isaa yookiin haadha isaa gargaaruu irra, abbaa fi haadha isaatiif raawwachuu waan qabu maraa, kennaa Waaqaaf dhiyeesse› yoo isiniin jedhe, abba'aa fi haadha isaa gargaaruu irraa bilisa isa ni taasfittan. Haala kanaan'llee aadaa keessan eegu'uuf jettanii, dubbii Waaqaa ni diigiddan. Akkuma kana wonittoota kana fakkaatan waan baayi'ee ni raawwattan.» Ummata'llee irra deebi'ee gara isaa waamee, akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Isin marri keessanuu hubanna'aan ana dhageeffadhaa. Nama ka batteessu waan namaa keessaa bayu malee, wonitti gara alaatii gara namaa aseenuu hin batteessu. [Eegaa, ka gurra dhagayu qabu, haa dhagayu!»] isaaniin jedhe. Yesus ummata dhiisee gara manaa yeroo aseenetti, barattoonni isaa waayee fakkeennaa ni gaafataniin. Inni'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Isin'llee ammoo kana hin hubattan moo? Gara alaatii nama keessaa wonitti aseenu womaayyuu nama akka hin batteessineen, isiniif hin galuu ree? Gara garaa'aatiin dabrree gara alaa titti baya malee, gara onne'ee hin deemu.» Kanaan'llee Yesus nyaanni marrinuu qulqulluu ta'uu, ni ibise. Itti aansee'llee akkana ni jedhe, «Nama ka batteessan, wonittoota onnee namaa keessaa bayan. Isaan'llee, yaada hamaa, sagaagalaa, hanna, nama ajjeesuu, Sagaagalummaa, haafayummaa, hammeenna, sobddummaa, gad dhiifamummaan, hinaafttummaan, hamataa ta'uun, ufi tuulummaanii fi yaada dhabumma'a. Wonitti hamaan kun marrinuu onnee namaa keessaa ni baya, nama'llee ni batteessaan.» Yesus achii ka'ee magaalaa Xiiroosii bira gara ganda jiru ni deeme, gara mana tokkoo'llee aseenee achi jiraachuu isaa eennu'llee akka hin beekinneef ni barbaade, haa ta'u malee dhokachu'uuf hin dandeenne. Mucattiin isi'ii hafuura batti'iin ta jalaa qabamtte dubarttiin takka, waayee Yesusii dhageettee bakkumatti dhufitteeti, miila isaa jalatti ni kuftte. Dubarttiin'llee gosa worra Sirofinqotaa irraa ka taate, Giriikittii ni turtte. Isiin'llee hafuura battii mucattii isi'ii keessaa akka baasu'uuf, Yesusiin ni kadhatteen. Yesus garuu, «Nyaata ijoolle'ee fuudhee sariiniif kennuun hin maluutii, mee ijoolleen durissanii haa quufan» isi'iin jedhe. Isiin'llee, «Dhuga'a Gooftaa kiyya, garuu sariin'llee bee qorii jala ta'anii ijoolleen yoo nyaatan hanbbaa harca'u ni nyaatan,» jechu'uun, ni deebifitteef. Kanaaf Yesus, «Haasaya kee kanaan jinniin mucattii tee keessaa bayee jira, eegaa gara mana keetii deemi!» ni jedheen. Isiin'llee gara mana isi'ii yeroo deebitetti mucattii isi'ii jinniin gad dhiiseenii, siree irra nagayaan ciifttee ni arggatteen. Yesus naannoo Xiiroosii dhiisee ni deeme, karaa Sidooniitiin deemee magaalota kurnnan gara biyya jedhamuutiin, gara garba ciisaa Galiila'aa ni dhufe. Achitti'llee nama duuda'aa fi dhagayuu hin dandeenne tokko gara isaa ni fidan, harka isaa'llee akka isa irra kaayuuf, ni kadhataniin. Yesus'llee namicha ummata biraa fooyee adda isaa titti fudhateeniiti, qubbiin isaa gurra namichaa keessa ni aseensise, hancufa isaa'llee tufee, arraba namichaa ni qaqabe. Gara samii'llee ol jedhee laalee, kadhateeti namichaan, «Efittaa» jedheen. Hiikkaan isaa'llee, «Banami!» jechu'u. Bakkumatti gurri isaanii ni banameef, arrabinni isaa'llee ni hiikkame, rakkinna tokko malee'llee qulqulleessee dubbachuu jala ni qabe. Yesus'llee waan kana eennutti'llee akka hin himnneef namoota ni ajaje, haa ta'u malee haguma akka hin dubbanneef isaan ajajeetiin, baayi'ee caalchisanii ni odeessan ture. Worri dhagayan marri'llee haalaan maalalffachu'uun, «Waan maraa haala misha'aan ni taasise! Duuddonni akka dhagayaniif, worri dubbachu'uuf hin dandeenne akka dubbatan ni taasisa!» jedhan. Haaganaa saniinitti deebi'anii namoonni baayi'een wol ni gayan, waan nyaatan'llee hin qaban, kanaaf Yesus barattoota isaa waamee akkana isaaniin ni jedhe. «Namoonni kunniin kunoo, ana woliin guyyaa sadihii turanii jiran, waan nyaatan womaa waan hin qabnneef, isaanii ni naya. Akkuma beelayan kanaan gara mana isaanii yoo isaan geegesse, karaa irratti ni dadhaban, gonkumaa tokko tokkoon isaanii'llee, worra fago'oo dhufan.» Barattoonni isaa'llee, «Eegaa, gammoojjii kanatti namoota kanniin maraaf buddeena gayu, argachu'uuf eennutu danda'a?» jechu'uun, ni deebisaniif. Yesus'llee, «Buddeena meeqa qabddan?» jedhee, isaan gaafate, Isaan'llee, «Buddeenna torbaa ni qabnna» jedhaniin. Inni'llee lafa irra akka taa'aniif ummata ni ajaje, buddeena torban'llee ol fuudhee Waaqa ni galateeffate, kukkutee'llee ummataaf akka dhiyeessan barattoota isaa titti ni kenne, isaan'llee ummataaf ni dhiyeessan. Qurxummiiwwan didiqqoo muraasa'llee ni qaban turan, waayee qurxummiiwwaniitiif'llee Waaqa eega galateeffateen duubatti, ummataaf akka dhiyeessan barattoota isaa ni ajaje. Namoonni marrinuu nyaatanii ni quufan, hanbbaa hafe'llee wolitti qabanii, ginddoo guguddoo torbaa guutuu ni kaasan. Namoonni nyaatan'llee haga kuma afurii ni ta'an turan, Yesus'llee isaan ni geegesse. Kanaan duubatti barattoota isaa woliin ta'ee hoboloo yaabbatee, gara konyaa Daalmaanuta'aa ni deeme. Fariisonni gara Yesusii dhufaniiti isaan woliin mormmuu jala ni qaban, isa qormaatuuf'llee yaadanii sami'ii maalalee tokko akka isaanitti muldhisuuf, ni gaafataniin. Yesus ufi keessatti hafuuraan kadhachu'uun, «Dhaloonni bara kanaa maalaleen akka isaa taasfamuuf, maali'iif barbaadaa? Dhugamaan isiniin jedha, dhaloota kanaaf maalaleen woyiituu hin taasfamuuf!» isaaniin jedhe. Isaan dhiisee'llee deebi'ee hoboloo yaabbatee, gara gamaa ni ce'e. Barattoonni isaa buddeena qabachuu waan irraafataniif hoboloo irratti buddeena tokko malee, ka bira'aa hin qaban ture. Yesus'llee, «Shiishaa Fariisotaatii fi Heerodisii irraa ufi eeggadhaa!» jedhee, isaan ni ajaje. Isaan'llee, «Kana jechuun isaa yookiin waan nu'u buddeenna hin qabnneef ta'a» jedhanii, ufii isaaniitii woliin ni haasayan. Yesus'llee yaada isaanii kana beekee akkana isaaniin jedhe, «Buddeenna waan hin qabatiniif jettanii maali'iif yaaddan? Amma'llee isin worra womaayyuu hin hubannee fi worra isiniif hin galle? Amma'llee onneen keessan akkuma hadoodetti moo? Ija uduu qabdan hin argitan? Gurra'llee uduu qabdan hin dhageettan? Attamitti'llee hin yaadanne? Haa ta'u malee buddeena shanan namoota kuma shaniif yeroo kukkutee kennetti, hambbaa isaa ginddoo meeqa guutuu kaafttan?» Isaan'llee, «Ginddoo kudha lama guutuu» ni jedhaniin. Akkuma kana buddeenna torbban namoota kuma afuriif yeroo kennetti, hanbbaa isaa ginddoo meeqa guutuu kaafttan jechu'uun, isaan ni gaafate. Isaan'llee, «Ginddoo torba guutuu» ni jedhaniin. Inni'llee, «Eegaa, amma'llee hin hubanne moo?» isaaniin jedhe. Gara Betsayida'aa yeroo gayetti'llee namoonni namicha jaamaa tokko gara Yesusii ni fidan, akka qaqabuuniif'llee ni kadhataniin. Inni'llee namicha ijaan arguu dadhabe harka qabee eemara'aa, ganda keessaa gara raasa'aa titti ni baaseen, ija namichaa irratti'llee hancufa isaa itti tufee harka isaa irra kaayeeti, «Waan tokko argitaa ree?» jechu'uun, ni gaafateen. Namichi jaamaa'llee ol jedhee, «Ee namoonni natti ni muldhatan, garuu akka mukkiin tarkaanfataniiti natti fakkaatan» jedhe. Deebi'ee'llee Yesus ija namichaa irra harka isaa ni kaaye, yeroo kanatti namichi guutatee ni laale, fayyee'llee waan maraa qulqulleessee arguu, jala ni qabe. Kanaan duubatti'llee Yesus, «Gara ganda kanaa hin aseenin!» jedhee, gara mana isaa akka deemuuf ni geegesseen. Yesusii fi barattoonni isaa gara gandoota konyaa Filiphos Qiisaariyaa jedhamu jiranii ni qajeelan, karaa irra uduu jiran'llee Yesus, «Namoonni anaan eennu jedhan?» jechu'uun, barattoota isaa ni gaafate. Isaan'llee «Tokko tokko Yohaannisii Cuupha'aa, kuunniin Eeliyaas, kuunniin'llee ammoo nabiyyoota keessaa tokko siin jedhan» jechu'uun, ni deebisaniif. «Isin hoo anaan eennu naan jettan?» jedhee, isaan ni gaafate. Phexiros'llee, «Ati Masihicha» jechu'uun, ni deebiseef. Yesus'llee, «Waayee kiyya eennutti'llee akka hin dubbanne» jedhee, isaan ufi ni eeggachiise. Yesus'llee barattoota isaa akkana jechu'uun isaan barsiisuu jala ni qabe, «Ilmi Namaa rakkinna baayi'ee fudhachuun isaa ni mala, jaarsotaan, itti gaafatamoota qeesotaatii fi barsiisota seeraa biratti'llee ni tuffatama, ni ajjeefama'lle'e, haa ta'u malee guyyaa sadihiin duubatti ni ka'a.» Waan kana ifan isaanitti ni hime, yeroo kanatti Phexiros addatti achi waameenii, itti baanachuu jala ni qabe. «Akkana hin jedhin!» jechu'uun, ni loleen. Yesus garuu garagalee gara barattoota isaa laaleeti Phexirosiin, «Ati sheexana nana narraa fagaadhu! Ati ka namaa malee waan Waaqaa hin yaadu!» jechu'uun, itti ni baanate. Kanaan duubatti Yesus ummata barattoota isaa woliin waamee akkana isaaniin ni jedhe, «Ana horddofuu ka barbaadu yoo jiraate mataa ufii haa waakkatu, fannoo isaa'llee baadhatee ana haa horddofu, lubbuu isaa fayyisu'uuf ka barbaadu marrinuu ni dhabaan, waayee kiyyaa fi waayee wongeelaatiif lubbuu isaa dabarssee ka kennu garuu, ni fayyisaan. Naminni qabeenna biyya lafaa mara yoo argatee, lubbuu isaa garuu yoo balleese maal isa fayyada? Yookiin naminni waayee fayyinna lubbuu isaatiif gatii maal kafaluu dandda'a? Dhaloota ganttichaa fi cubbamaa kana duranatti, ka anaa fi dubbii kiyyatti'llee saalfatu marattuu, ani'llee Ilmi Namaa ulfinna Abbaa kiyyaatiin maleyikkoota isaa Qulquluuwwan woliin yeroo dhufutti, isatti ni saalfadha» jedhe. Itti aansee'llee Yesus, «Dhugamaan isiniin jedha, worra amma asi jiran keessaa tokko tokko, Mootummaan Waaqaa huminna ol aana'aan yoo dhufittu haga arganitti, ka hin duune ni jiran» isaaniin jedhe. Guyyaa jahaan duubatti'llee Yesus Phexiros, Yaaqoobii fi Yohaannisiin qofa ufi duukaa qabatee, gara gaara ol aanaa tokkoo ni baye, isaan duratti'llee biftti isaa ni jijjiirame. Uffanni isaa'llee haalaan ni calaqise, biyya lafaa irratti miicaan kum'llee hagas qulqulleessuu haga hin dandeennetti adii ni ta'e. Yeroo sanitti Eeliyaasii fi Museen mulidhatanii, Yesusiin woliin yoo haasayan isaanitti ni muldhatan. Phexiros'llee Yesusiin, «Yaa barsiisaa! Asi jiraachuun nu'uuf misha'a, kanaaf tokko si'iif, tokko Muse'eef, tokko Eeliyaasiif ka ta'an, daaseewwan sadihi haa ijaarruu!» jedheen. Barattoonni sadiinuu haalaan nayanii waan turaniif, Phexiros waan dubbatu hin beeku ture. Duumessi'llee dhufee isaan ni golge, duumessa keessan'llee, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhu kana! Isa dhageeffadhaa!» qooniqqi jedhu, ni dhagayame. Bakkumatti ufi irra garagalanii yoo laalaniin, isa woliin Yesusiin qofa malee, eennuun'llee hin argine. Gaara irraa yoo bu'anitti'llee Yesus, «Ilmi Namaa haga du'aa ka'utti, waan amma argitan kana eennutti'llee hin himnaa!» jechu'uun, isaan ni ajaje. Dubbicha'llee dhagayanii onnee isaanii titti ni qabatan, haa ta'u malee, «Du'aa ka'uun kun maal jechuu ta'inna laata?» jedha'aa, ufii isaaniitii woliin ni haasayan. Isaan'llee, «Barsiisonni seeraa'llee jalqaba dhufuu ka qabu Eliyaas maali'iif jedhan?» jechu'uun, ni gaafataniin. Inni'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Dhuga'a, Eliyaas durssee ni dhufa, waan maraa ni sirreessa, haa ta'u malee, Ilmi Namaa rakkinna ulffaataa akka fudhatuu fi akka tuffatamu ka barreeffame, attamitti? Ani garuu Eliyaas dursseetuu dhufee jira, namoonni'llee akkuma waayeen isaa barreeffametti, waan barbaadan maraa isa irratti raawwatanii jiran» isiniin jedha. Yesusii fi barattoonni isaa sadiin gara barattoota hafanii deebi'anii yeroo dhufanitti, namoonni baayi'een naannaya isaanii titti woligayanii ni argan, barsiisonni seeraa'llee barattoota isaa woliin wol ni mormman ture. Ummanni marri'llee Yesusiin yeroo arganitti maalalu'uun nayanii, gara isaa'llee fiiganii nagaya ni gaafataniin. Yesus'llee, «Isaan woliin ka wol mormmitan maal irratti?» jechu'uun, isaan ni gaafate. Ummata keessaa'llee tokko akkana jechu'uun ni deebise, «Yaa barsiisaa, mucaa kiyya ka hafuura duudaa taasisuun qabame, gara kee fideenii jira. Yeroo itti ka'utti ni kuffisaan, afaan isaatiin'llee hoomcha dafiqqa'aa ilkaan isaa'llee wolitti ni qara, qaaminni isaa'llee gogee akka reeffaa ni ta'a, hafuura battii'llee akka baasaniif barattoota kee gaafadhee ture, isaan garuu hin dandeenne» jedheen. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Isin namoota hin amanne nana! Haga yoomii titti isin woliin jiraadhaa? Haga yoomii titti'llee isiniif obissa? Mee mucaa gara kiyya fida'aanii!» Isaan'llee mucaa gara isaa ni fidaniin, hafuurri battiin'llee Yesusiin yeroo argetti, bakkumatti mucaa kuffisee ni wixxifachiiseen, mucaan'llee lafa irra gangalata'aa hoomacha dafiqquu jala ni qabe. Yesus'llee abbaa muca'aatiin, «Dhukubbinni kun haga jala qabeenii hagam turee jira?» jechu'uun, ni gaafateen. Abbaan'llee akkana ni jedhe, «Daai'mummaa isaa irraa jala qabeeti jedhe. Ajjeesu'uuniif'llee barbaadee yeroo baayi'ee ibiddaa fi bishaan keessatti ni kuffissan. Garuu waan tokko taasisu'uuniif yoo dandeette, yabo'oo nuuf nayi! Nu gargaar'lle'e!» Yesus'llee, «Yoo dandeette» jetta moo? «Nama amanuuf wonitti marrinuu ni danda'ama!» jedheen. Bakkumatti abbaan muca'aa, «Amanuu ammoo ni amana, garuu waan ani amanuu dadhabe maraanuu ati ana gargaar!» jedhee, ni iyye. Yesus'llee ummanni asii fi achi jedha'aa yoo bayan ni arge, hafuura batti'iin'llee, «Ati duuda'aa fi ka gurraan akka hin dhageenne taasfittu, mucaa keessaa akka baatu gara isaa'llee deebitee akka hin aseenneef, si ni ajaja!» jedhee, itti ni baanate. Hafuurri battiin qoonqqa ol aana'aan ni iyye, mucaa'llee haalaan eega wixxifachiiseenii duubatti ni baye, mucaan'llee akkuma reeffaa ta'uu isaatiin, baayi'eewwan waan du'e isaanitti ni fakkaate. Yesus garuu harka muca'aa qabee ol ni kaaseen, mucaan'llee ol ka'ee ni dhaabate. Yesus'llee gara manaa yeroo aseenetti barattoonni isaa, «Haa ta'u malee hafuura battii kana nu'u waayee maali'iitiif baasuunii dadhabinne?» jedhanii, addatti ni gaafataniin. Inni'llee, «Ka akkanaa kun kadhanna'aa fi [soomaan] yoo ta'e malee, ka bira'aa kamiinuu hin bayu» jechu'uun, isaanii ni deebise. Yesusii fi barattoonni isaa'llee bakka san dhiisanii gara Galiilaatiin ni deeman, bakka inni jiru'llee naminni kami'llee akka beeku, Yesus hin barbaanne. Kun'llee ka ta'e Yesus barattoota isaatiin, «Ilmi Namaa harka namootaa titti dabarffamee ni kennama, isaan'llee ni ajjeesaniin, eega ajjeefameen duubatti garuu, guyyaa sadaffaa titti du'aa ni ka'a» jedha'aa, isaan barsiisa waan tureef. Barattoota isaatiif garuu wonitti kun hin galleef, akka isa hin gaafaneef'llee ni sodaatan. Yesusii fi barattoonni isaa gara Qifirnaahoomii ni dhufan, Yesus gara manaa eega aseeneen duubatti barattoota isaatiin, «Karaa irra uduu jirttan wonitti irratti wol mormmitan maal ture?» jechu'uun, isaan ni gaafate. Isaan garuu ni caldhisan, kun'llee karaa irra uduu jiran, «Mara keennaa ka caalu eennu?» jedha'aa, wol mormma'aa waan turaniif. Inni'llee eega taa'een duubatti kudha lamaanuu waamee, «Ka jalqabaa ta'uu ka barbaadu naminni kum'llee muummee maraatii fi tajaajilaa maraa ta'uu qaba» isaaniin jedhe. Daa'ima tokko fidee jidduu isaanii ni dhaabachiiseen, ammatee'llee akkana isaaniin jedhe, «Daa'imman akkana kanniin keessaa ka tokko maqaa kiyyaan ufitti fudhatu inni ana ufitti fudhata, ka ana ufitti fudhatu marri'llee ana uduu hin ta'in, ka ana erge ufitti fudhata» jedhe. Yohaannis Yesusiin, «Yaa barsiisaa, naminni tokko maqaa keetiin hafuura battii yoo baasu ni argine, garuu nu woliin waan hin ta'iniif ni dhooggineen» jedheen. Yesus garuu akkana ni jedhe, «Maqaa kiyyaan baasa raawwata'aa bakkumatti ana irratti waan hamaa ka dubbatu waan hin jirreef, dhiisa'aanii, hin dhoogginaa, ka nu'u hin mormmine marrinuu, nu'uun woliin jira. Dhugamaan isiniin jedha, ka Kristosii waan taataniif maqaa kiyyaan bishaanuma kubbaayyaa tokkootuu ka isaan obaasu, gatii isaa hin dhabu» isaaniin jedhe. «Naminni kumi'llee worra natti amanan maandhota kanniin keessaa tokko gufachiisuu irra, dhagaan daakka'aa ulffaataan morma isaa irratti hidhamee, gara garba ciisa'aa titti uduu darbamee isaa woyya ture. Kanaaf harki kee cubbuu akka hojjattuuf yoo si dogoggorsse muriitii gatiin! Harka lamaan uduu qabddu gara ibidda asaabaa titti darbamuu irra, duundumaa taate gara jireennaa titti galuu si woyya. [ Asaabinni bakka raammoon itti hin duune, ibiddi'llee itti hin dhaaminne.] Miilli kee'llee yoo si dogoggorsse, muriitii gati, miila lama uduu qabddu gara ibidda asaabaa gatamuu irra, hokkolaa taatee gara jireennaa titti galuu siif woyya. [ Asaabinni bakka raammoon itti hin duune, ibiddi'llee itti hin dhaaminne.] Ijji kee'llee yoo si dogoggorste ufi keessaa baasii gati, ji'a lamaa uduu qabddu gara ibidda asaabaa titti gatamuu irra, ija takka qabaattee gara Mootummaa Waaqaa titti, galuu siif woyya. Asaabinni bakka raammoon itti hin duunee, ibiddi'llee itti hin dhaamnne.» «Akkuma kitimaan soqiddaan qulqullaayutti tokko tokkoon namaa'llee, ibiddaan qulqullaayuu qaba.» Soqiddi misha'a, haa ta'u malee mi'aa soqiddumma'aa yoo dhabe, maali'iin mi'eessitaniin? «Isin keessa'llee jaalalli mi'aa akka soqiddaa haa jiraatu, ufii keessan wolii gala'aatii nagayaan jiraadhaa» jedhe. Yesus achii ka'ee, laga Yoordaanosii gara dhiyaatiin dabrree, gara arddii Yihuda'aa ni deeme. Namoonni haalaan baayi'ee'llee deebi'anii gara isaa wol ni gayan, inni'llee akkuma aadaa isaa titti isaan ni barsiisa ture. Fariisoota keessa'llee muraasonni gara isaa ni dhiyaatan, isa qormaatu'uuf'llee barbaadanii, «Naminni haadha worraa isaa akka hiiku seeraan eeyyamameefii jira?» jechu'uun, ni gaafataniin. Yesus'llee, «Museen waayee waan kanaa maal isin ajaje?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Museen ammoo woraqaa raga'aa hiikkamuu isi'ii muldhisu kenneefii, akka hiikuun eeyyamee jira» isaan jedhan. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Museen ajaja kana ka isiniif barreesse, onneen keessan hadooddee waan isin hin dhageenneef. Garuu jalqaba uumamaatii kaasee, ‹Waaqinni dhiiraa fi dubarttii isaan taasisee ni uume, kanaaf naminni haadhaa fi abbaa isaa dhiisee, haadha worraa isaatiin wolitti ni dabalama. Lamaanuu qaama tokko ni ta'an› achii duubatti'llee lama ta'uun isaanii hafee, tokko ni ta'an. Eegaa ka Waaqinni wolitti maraare naminni addaan hin baasuu» jedhe. Gara manaa yeroo deebi'anitti barattoonni isaa waayee kanaa deebi'anii Yesusiin ni gaafataniin, inni'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Haadha worraa isaa hiikee dubarttii bira'aa ka fuudhu, haadha worraa isaa irratti sagaagalee jira. Akkuma kana abbaa worraa isi'ii hiikittee dhiira bira'aa titti dubarttiin heerumttu, sagaagalttuu taatee jirtti jechu'u.» Yesus akka isaan qaqabuuf daa'imman gara isaa ni fidan, barattoonni isaa garuu namoota daa'imman gara isaa fidanitti, ni baanatan. Yesus'llee kana arguu isaatiin dallanee, barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Mootummaan Waaqaa isaan akkana jiran kanniiniif waan taateef daai'mman gara kiyya haa dhufanii dhiisaa, isaan hin dhoogina'a, Dhugamaan isiniin jedha, Mootummaa Waaqaa akka daa'immanii ta'ee ka ufitti hin fudhanneen, gonkumaa itti hin aseenu.» Kanaan duubatti daa'imman ammateeti, harka isaa'llee isaan irra kaayee isaan ni eebbise. Yesus achii bayee deema'aa uduma jiru, naminni tokko gara isaa fiigee isa duranatti jilibbiiffateeti, «Yaa barsiisaa arjjaa, jireenna bara baraa argachu'uuf maal raawwachu'utu narraa mala?» jechu'uun, ni gaafateen. Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Waayee maaliif arjjaa naan jetta? Waaqa tokko malee eennu'llee arjjaan hin jiru. Ajajoota ni beekitta, isaan'llee, hin ajjeesin, hin sagaagalin, hin hatin, dharaan ragaa hin bayin, hin sobin, abba'aa fi haadha kee kabaji, ka jedhaman.» Namichi'llee, «Yaa barsiisaa, ajajoota kanniin ammoo ijoollummaa kiyya irraa jalqabee eegee jira» jedheen. Yesus'llee laaleeniiti ni jaalateen, akkana'llee ni jedheen, «Wonitti tokko qoftti si hafee jira, deemii, waan qabddu maraa gurgurii hiyyeesotaaf kenni, qabeenna wolitti qabame sami'itti ni argata, kanaan duubatti koottuu, ana horddof.» Namichi'llee kana yeroo dhagayetti fuulli isaa gaddaan ni gurraachate, qabeenna baayi'ee ni qaba waan tureef, gadda'aa ni deeme. Yesus'llee ufi irra garagalee laaleeti barattoota isaatiin, «Dureesotaaf gara Mootummaa Waaqaa titti aseenuun attam rakkisa'a!» isaaniin jedhe. Barattoonni isaa'llee dubbii isaatiin ni maalalffatan, Yesus garuu deebisee akkana isaaniin ni jedhe, «Yaa ijoolle! Gara Mootummaa Waaqaa titti aseenuun attam rakkisa'a! Naminni dureessi gara Mootummaa Waaqaa titti aseenuu irra, gaalli qaawwa marfe'eetiin uduu hulluuqee irra salphaa ta'a.» Barattoonni isaa'llee haalaan maalalaniiti, «Eegaa haala kanaan eenutu fayyu'uuf danda'aa ree?» woliin jedhan. Yesus'llee gara isaanii laalee, «Dhugaa wonitti kun nama biratti hin danda'amu, Waaqa biratti garuu ni danda'ama. Waaqaa wonitti marrinuu ni danda'amaaf» isaaniin jedhe. Phexiros'llee, «Kunoo nu'u waan maraa dhiifinnee, si horddofnnee jirra» jedheen. Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Dhugamaan isiniin jedha, waayee kiyyaa fi waayee wongeelaatiif jedhee, mana isaa yookiin obboleeyyan isaa yookiin obboleettiiwwan isaa yookiin haadha isaa yookiin abbaa isaa yookiin ijoollee isaa yookiin qabiyyee isaa naminni dhiisu, caala'atti ni argata. Baruma kanattuu ari'ataman woliin manniin, obboleeyyan, obboleettiiwwan, haadhotii, ijoollee, qabiyyee dachaa dhibbaan ni fudhata, biyya dhufttutti'llee jireenna bara baraa ni argata. Haa ta'u malee ka duranaa worri ta'an baayi'eewwan worra duuba irraa ni ta'an, worra duuba irraa ka ta'an'llee worra duranaa ni ta'an.» Karaa gara Yerusaalemii fidu irra uduma jiran, Yesus isaan dura dura ni deema ture, barattoonni isaa'llee waan kanaan ni maalaliffatan, worri duuba irraan isa horddofaniin'llee soodaatanii jiran turan. Deebi'ee'llee kudha lamaan gara isaa dhiyeessee, waayee waan isa irra gayu'uuf jiruu, akkana jechu'uun isaanii ni ibise. «Kunoo, gara Yerusaalemii deemuu keenna, Ilmi Namaa itti gaafatamoota qeesotaatii fi barsiisota seeraatiif dabarffamee ni kennama, isaan'llee murtii du'aa itti ni murtteessan, ummata Waaqa dhugaa titti hin amanneef'llee dabarssanii ni kennaniin. Ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee itti baldan, itti ni tufan, ni dhaananiin, ni ajjeesaniin'llee. Garuu guyyaa sadihiin duubatti, du'aa ni ka'a.» Ijoolleen Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis gara Yesusii dhiyaatanii, «Yaa barsiisaa, waan si kadhannu maraa akka nuuf taasfttuuf ni barbaanna» ni jedhaniin. Inni'llee, «Maal akka isinii taasisuuf barbaadan?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Ulfinna Mootummaa keetii titti, tokkoo keenna mirga keetiin, tokkoo keenna ammoo bitaa keetiin akka teennuuf, nuuf eeyyami» jedhaniin. Yesus garuu, «Waan kadhattanuu hin beekittan, ani ka dhugu duloo rakkinnaa dhugu'uuf ni dandeettanii ree? Akkuma kana cuuphama ani cuuphamu hoo cuuphamu'uuf ni dandeettanii?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Ee, ni dandeenna» jedhan. Yesus'llee akkana isaaniin jedhe, «Dhugamaanuu duloo ani dhugu ni dhugiddan, cuuphama ani cuuphamu'llee ni cuuphamttan, garuu, mirgaa kiyyaa fi bitaa kiyyaan taa'uu ka kennu anaa miti, kun ka kennamu namoota Waaqinni isaaniif, qopheesse qofaaf» jedhe. Ka hafan kurnnan kana dhagayanii Yaaqoobii fi Yohaannisiin irratti, ni dallanan. Yesus mara isaaniituu gara isaa waamee akkana isaaniin jedhe, «Itti gaafatamoota ummata Waaqa dhugaa titti hin amannee jedhamanii ka waamamanii fi durssitoonni isaanii'llee isaan irratti aangoo akka qaban ni beekittan, isin biratti garuu akkana ta'uu hin malu, isin jiddu'uu guddaa ta'uu ka barbaadu, tajaajilaa keessan ta'uu ni qaba. Akkuma kana isin jiddu'uu ka ol aanaa ta'uu barbaadu, garbcha maraa haa ta'u. Ilmi Namaatuu tajaajilu'uu fi lubbuu isaa gatii namoota baayi'e'ee taasisee kennu'uuf dhufe malee, akka isaa tajaajilaniif hin dhufinne.» Kanaan duubatti Yesus barattoota isaa woliin gara magaalaa Iyyaarikoo ni dhufan. Dabrree'llee magaala'aa bayee yeroo deemutti, ummanni haalaan baayi'e'ee isa ni horddofaniin ture. Karaa bira ammoo ilma Xeemeewosii ka ta'e Barxiimewos ka jedhamu namichi jaamaan tokko taa'ee ni kadhata ture. Achiin'llee ka dabrru Yesusii Naazireetii ta'uu isaa yeroo beeketti, «Ilma Daawiitii yaa Yesus, yabo'oo garaa naa laaf!» jedha'aa, iyyuu jala ni qabe. Baayi'eewwan, «Caldhisi!» jedhanii, itti ni baanatan, inni garuu, «Yaa Ilma Daawiitii! Yabo'oo naaf nayi!» jedha'aa, caala'atti ni iyye. Yesus'llee dhaabateeti, «Waamaanii!» jedhe, isaan'llee jaamichaan, «Jedhi amma jabaadhuu ka'i! Yesus si waamaatii!» ni jedhaniin. Inni'llee uffata isaa gateeti utaalee ka'ee, gara Yesusii ni dhaqe. Yesus'llee, «Maal akka siif raawwadhu barbaadda?» jechu'uun, ni gaafateen. Namichi jaamaan'llee, «Yaa barsiisaa, yabo'oo ijji kiyya akka naaf argitu naaf taasisi» jedheen. Yesus'llee, «Jedhi deemi, amantiin kee si fayyisee jira» jedheen. Namichi'llee bakkumatti argu'uuf ni danda'e, kara'atti'llee Yesusiin horddofee ni deeme. Yesusii fi barattoonni isaa gara Yerusaalemii yeroo dhiyaatanitti karaa Beetfaage'eetii fi Bitaaniya'aatiin gara gaara ejerssaa jedhamuu ni gayan. Achiin duubatti'llee Yesus barattoota isaa keessaa lamaan akkana jechu'uun ni erge, «Gara ganda isiniin durana jiruu durssa'aatii deemaa, achi'llee akkuma geettaniin bakkumatti ilmmayyoon harre'ee ka eennu'llee haga ammaa titti hin yaabbatin hidhamee ni argattan, hiika'aatii garana fida'aanii. Naminni kumi'llee ‹maali'iif kana raawwattan?› yoo isiniin jedhee, ‹Gooftaan waan isa barbaaduuf jedhaa, bakkumatti deebisee ni ergaan› jedhaanii.» Isaan'llee deemanii ilmmayyoo karaa bira balbala manaa titti hidhamee argataniinii ni hiikaniin. Yeroo sanitti'llee namoota achi dhaabatanii turan keessaa tokko tokko, «Ilmmayyoo harre'ee ka hiikittan maali'iif?» jechu'uun, isaan ni gaafatan. Isaan'llee waan Yesus jedhe isaanitti ni himan, namoonni'llee isaan ni dhiisan. Barattoonni isaa'llee ilmmayyoo harre'ee gara Yesusii ni fidan, uffata isaanii'llee dudda ilmmayyo'oo irratti rarannii, Yesus ni yaabbateen. Namoonni baayi'een uffata isaanii karaa irratti ni afan ture, kuuniin'llee muka bosonaa irraa damee mura'aa, karaa irratti ni afan ture. Worra duranaa dabrranii fi worra duubaan horddofan marrinuu, «Hoosa'inaa! Ka Maqaa Goofta'aatiin dhufu, ka eebbifame! Mootummaan abbaa keenna Daawiitii ka dhufu, ka eebbifame. Hosa'ianaa ol sami'itti!» jedha'aa, ni iyyan ture. Yesus'llee Yerusaalemiin yeroo gayetti gara Mana Waaqeffanna'aa ni aseene, waan naannaya jiru mara'llee ni laale, guyyaan'llee dhiyee waan tureef barattoota isaa kudha lamaan woliin, Yerusaalemiin keessaa bayee gara Bitaaniyaa ni deeme. Bariisaa'llee Bitaaniya'aa yoo deebi'an, Yesus ni beelaye. Baalli isi'ii ka lalise mukattii harbbu'uu takka'llee fagotti argee, mee waan firiin irratti argamu yoo ta'e jechu'uun gara isi'ii ni dhaqe, garuu gara isi'ii yeroo dhiyaatetti yeroon ji'a harbbuun itti daraarttuu waan hin turiniif, baala malee womaayyuu isii irra hin arganne. Kanaaf Yesus mukattii harbbu'uutiin, «Ammaa achitti eennu'llee si irraa firii hin nyaatin!» jedheen. Kana'llee yoo dubbattu, barattoonni isaa ni dhagayan. Gara Yerusaalemii yeroo gayanitti'llee Yesus gara Mana Waaqeffanna'aa aseenee, namoota keessatti gurguranii fi bitatan baasuu jala ni qabe, minjaalota qarshii jijjiirttotaatii fi barcumoota worra handarii gurgurtootaa'llee ni garagalche. Naminni kumi'llee meeshaa kamiinuu baadhatee, moonaa Mana Waaqeffanna'aa keessa asii fi achi akka dabrruuf, hin eeyyamaminne. Akkana'llee jechu'uun isaan ni barsiise, « ‹Manni kiyya ummata maraaf mana kadhanna'aa jedhama!› jedhamee, hin barreeffaminne moo? Isin garuu goda saamttotaa ni taasfittaniin.» Itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa kana yoo dubbatu ni dhagayaniin, ummanni marrinuu barsiisa isaa ni maalalffata waan tureef ni sodaataniin, kanaaf attam taasisaanii akka isa itti balleessaniin, toofittaa ni barbaadan ture. Yeroo laftti dhiyetti'llee Yesusii fi barattoonni isaa magaalaa keessaa ni bayan. Guyyaa itti aanutti ganama obboroo kara'aan yoo dabrru, mukattiin harbbu'uu hidda isi'iitiin goddee ni argan. Phexiros'llee dhimmicha yaadateeti Yesusiin, «Yaa barsiisaa! Kunoo, mukattiin ati abaarte goddee jirtti» jedheen. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Waaqatti amanaa, dhugamaan isiniin jedha, naminni kumi'llee onnee isaa titti uduu hin shakkin wonitti inni barbaadu akka raawwatamuuf amanee gaara kanaan, ‹asii ka'iitii gara garba ciisa'aa titti darbami› yoo jedhe, ni ta'aaf. Kanaaf kadhanna'aan waanuma maraa uduu kadhattanii, akka waan isiniif raawwatamee taasisa'aatii amanaa, wonitti kadhattan marri'llee isiniif ni kennama. Abbaan keessan ka sami'ii jiru cubbuu keessan akka isinii dhiisuuf, isin'llee kadhanna'aaf yeroo dhaabattanitti naminni waan tokkoon isin mufachiisee yoo jiraate, dhiifama taasisa'aaf. [ Isin balleessaa kaanniiniitiif dhiifama taasisuu yoo dhabaattan garuu, abbaan keessan ka samii jiru, cubbuu keessan'llee dhiifama isinii hin taasisu.»] Deebi'anii'llee gara Yerusaalemii ni dhufan, Yesus'llee Mana Waaqeffanna'aa keessa dedeebi'aa uduma jiru itti gaafatamoonni qeesotaa, barsiisonni seeraatii fi jaarsotiin gara isaa dhufaniiti, «Wonittoota kanniin ka raawwattu aangoo maali'iitiin? Yookiin wonittoota kanniin akka raawwattuuf, aangoo ka si kenne eennu?» jechu'uun, ni gaafataniin. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Ani'llee gaafii tokko isin ni gaafadha, isin deebii yoo naaf kennitan ani'llee wonittoota kanniin aangoo maali'iitiin akka raawwadhu, isinitti ni hima. Cuuphaan Yohaannisii Waaqa biraa ture moo, yookiin nama biraayyi? Mee naa deebisaa» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Eegaa maal haa jennu?» jechu'uun ufii isaaniitii woliin ni mari'atan, «Waaqa biraayyi yoo jenne, ‹eegaa maali'iif itti amanuu dhabiddan ree?› nuun jedha, ‹nama biraayyi› yoo jenneen hoo?» kana akka hin jenneef ummanni marri Yohaannisiin, dhugamaanuu nabiyyicha ni jedhaniin waan tureef, ni sodaatan. Kanaaf, «Nu'u hin beekinnu.» jechu'uun, ni deebisaniif. Yesus'llee, «Eegaa ani'llee aangoo maali'iitiin wonittoota kanniin akka raawwadhu, isinitti hin himu» isaaniin ni jedhe. Itti aansee'llee Yesus kana fakkeennaan akkana jechu'uun isaanitti himuu jala ni qabe, «Naminni tokko biqilttuu woyinni'ii ni dhaabe, naanaya isaa'llee ni dallaye, cuunffaa woyinni'iitiif'llee ka ta'u boolla qotee ni midhaasse, eegiddoo woyinni'iitiif ka tajaajilu siree ol fagaatu ka kaabaa dhaga'aa'llee ni hojjate, kanaan duubatti bakka biqilttu'uu qotee bulttootaaf kireessee, gara biyya fago'oo ni deeme. Firiin'llee yeroo gayetti'llee, firii woyinni'ii irraa akka isaa fiduuf tajaajilaa isaa gara qotee bulttootaa ni erge. Qotee bulttoonni garuu tajaajilaa isaa qabanii eega dhaananiiniin duubatti, harka isaa duwwaa ni deebisaniin. Deebi'ee'llee abbaan qabeennaa tajaajilaa bira'aa ni erge, qonnaan bulttoonni tajaajilaa kana'llee dhaga'aan burussan, salphisaniinii, ni deebisaniin. Itti aansee'llee ka bira'aa yoo ergu, ni ajjeesaniin, akkuma kana baayi'eewwa yoo ergu'llee, tokko tokkoo isaanii ni dhaanan, kaanniin'llee ni ajjeesan. Amma raawwachuun ka isa hafe, ilma isaa ka jaalatu erguu qofa ture. Kanaaf, ‹Ilma kiyya ni kabajaniin ta'a› jedhee yaadu'uun, muummee irratti ilma isaa tokko ni erge. Garuu qotee bulttoonni ufii isaaniitii woliin, ‹kun ammoo dhaalaa isaati! Kootaa haa ajjeefinnuuiin! Qabiyyeen isaa'llee nu'uuf ni ta'a› woliin ni jedhan. Kanaaf ilma isaa qabanii ni ajjeesaniin, bakka biqilttuu woyinni'iitiin alatti'llee ni gataniin.» Eegaa abbaan qabeenna biqilttuu woyinni'ii maal raawwata? Abbaan mataan isaatuu ni dhufa, qotee bulttoota'llee ni ajjeesa, biqilttuu woyinni'llee kaanniiniif ni kenna. «Haa ta'u malee, ‹dhagaan kaabddonni tuffataniin, mataa cabssata› » ni ta'e. Kun'llee hujii Goofta'aati, ija teennaaf'llee baasaa! ka jedhu, dubbii kitaaba Qulqullu'uu isin hin dubbifnne moo? Itti gaafatamoonni Yihudotaa fakkeenni Yesus dubbate ka isaan laalu ta'uu waan hubataniif, isa qabu'uuniif barbaadanii turan, garuu ummata sodaatanii dhiisanii ni deeman. Gara worra Fariisotaatii fi worra Heerodisiitii ka ta'an namoonni tokko tokko, Yesusiin haasaya isaatiin isa qabu'uuf jecha, gara isaa ni ergaman. Gara isaa dhiyaatanii'llee akkana ni jedhaniin, «Yaa barsiisaa ati dhugaalessa ta'uu kee ni beekinna, nama'llee sodaachu'uu fi maal naan jedhan jedhee'llee, wonitti raawwattu hin jiru, karaa Waaqaa'llee dhuga'aan ni barsiiftta, eegaa, nugusa Rooma'aatiif gibira kafaluun seera qabeessaa moo? Yookiin miti? Haa gabbarru moo, yookiin haa dhiifinnu?» Yesus'llee fakkeesitummaa isaanii beekee, «Maali'iif ana qabu'uuf barbaadan? Mee qarshii fida'aatii natti muldhisaa» isaaniin jedhe. Isaan'llee qarshii ni fidaniif, inni'llee, «Qarshii kana irra biftti jiruu fi maqaan barreeffame ka eennuuti?» jechu'uun, isaan ni gaafate. Isaan'llee, «Ka Nugusa Rooma'aati» jedhaniin. Yesus'llee, «Eegaa ka nugusaa nugusichaaf, ka Waaqaa Waaqaaf kennaa!» jechu'uun, isaanii ni deebise. Isaan'llee deebii isaa ni maalalffatan. «Du'aa ka'iinssi worra du'anii hin jiru» Saduuqoonni jedhan gara Yesusii dhufanii, akkana jechu'uun ni gaafataniin, «Yaa barsiisaa, ‹naminni tokko finna uduu hin uumatin haadha worraa isaa irraa du'aan yoo fooyame, obboleessi isaa dubarttii dhaalee, ka du'eef fiixaa bakka haa buusuuf› jedhee, Museen nuuf barreessee jira. Eegaa, obboleeyyan torba turan, hangafnni isaan maraa haadha worraa fuudhee finna uduu hin uumatin ni du'e. Obboleessi lammaffaa'llee dubarttii san dhaalee finna uduu hin uumatin ni du'e, sadaffaa'llee akkuma kana ni ta'e, haala kanaan obboleeyyan torbanuu isii dhaalanii fiixaa uduu bakka hin buusin ni du'an, maraan duubatti ammoo dubarttiinuu ni duute. Obboleeyyan torbanuu tartiibaan isii fuudhanii jiraniitii, eegaa yeroo worri du'an du'aa ka'antti, isiin kamiif haadha worraa taati?» Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Isin ka dogoggorttaniif kitaabban Qulqullu'uu fi huminna Waaqaa'llee beekuu dhabuu keessaniinii mitii ree? Worri du'an du'aa yoo ka'antti, akka maleyikkoota samii jiranii ta'an malee, hin fuudhan, wolitti hin fuusisan. Waayee worri du'an du'aa ka'iinssaa yoo ta'e garuu, Waaqinni ibidda ximmirro'oo keessaan Muse'etti maal akka itti dubbate, kitaaba Muse'ee keessatti isin dubbifnne moo? Kun'llee, ‹ani Waaqa Abrahamii, Waaqinni Yisihaaqiitii fi Waaqa Yaaqoobiiti› ka jedhe. Kanaaf Waaqinni Waaqa jiraattotaati malee, Waaqa du'ootaatii miti, isin garuu haalaan ni dagoggorttan» isaaniin jedhe. Barsiisota Seeraa keessaa tokko wol mormmii isaanii ni dhagaya ture, Yesus haala misha'aan akka isaanii deebise barsiisaan seeraa ni hubate, gara Yesusii'llee dhiyaatee, «Ajajinni maraa caalu kami?» jechu'uun, ni gaafateen. Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Ajajinni maara caalu, ‹yaa Israa'eel, dhagayi!, Waaqinni keenna Waaqa tokko, ati'llee Waaqa kee Gooftaa, onnee kee muda maleessaan, lubbuu kee muda maleetti'iin, yaada kee muda maleessaa fi huminna kee muda maleessaan jaaladhu!› ka jedhu. Kana'llee ka fakkaatu ajajinni lammaffaa, ‹ollaa kee akka mataa keetii taasisii jaaladhu!› ka jedhu. Kanniin lamaan ka caalu ajajinni bira'aa hin jiru.» Barsiisichi seeraa'llee Yesusiin akkana ni jedheen, «Yaa barsiisaa! ‹Waaqinni tokko, isa malee'llee Waaqinni bira'aa hin jiru› jettee, ka dubbatte dhuga'a. Kanaaf naminni onnee isaa muda maleessaan, [lubbuu isaa muda maleetti'iin,] yaada isaa muda maleessaan fi huminna isaa muda maleessa Waaqa jaalachuu ni qaba. Akkuma kana, ollaa kee'llee akka mataa isaa taasisee jaalachuu ni malaan, ciinccaa gubatuu fi ciinccaa bira'aa'llee Waaqaaf dhiyeessuu irra, ajajoota kanniin lamaan eegu'utu caala» jedhe. Yesus'llee barsiisichi seeraa ogumma'aa fi hubanna'aan akka deebiseef argee, «Ati ammoo Mootummaa Waaqaa irraa ka fagaattee miti» jedheen. Kanaan duubatti Yesusii gaafii dhiyeessu'uuf ka ugge, eennu'llee hin jiru. Yesus Mana Waaqeffanna'aa titti yoo barsiisu akkana jedhee ni gaafate, «Barsiisonni seeraa, ‹Masihiin ilma Daawiitii› maali'iif jedhan? Daawiit mataan isaatuu Hafuura Qulqullu'uun eemaramee, ‹Waaqa Gooftaa kiyyaaf (Masihichaaf), diinota kee miila kee jala haga si oolichutti, mirga kiyyaan taa'i› jedheenii jira. Daawit mataan isaatuu, ‹Gooftaa› jedhee eega waameen eegaa, Masihichi Daawiitiif attamitti ilma ta'a?» Ummanni baayi'een'llee gammachu'uun ni dhageeffataniin ture. Yesus yoo barsiisu akkana ni jedhe, «Uffata dhedheeraa uffatanii asii fi achi naanayuu, bakka gabaya'aa titti nagaya kabaja'aa fudhachu'uuf worra jaalatan, barsiisota seeraa irraa ufi eeggadhaa.» Isaan'llee bakka woligayii isaanii titti barcumaa ulfinnaa, bakka afeerri'iitti'llee bakka kabajaa ni filatan. «Fakkeessa'aaf ka dhiyeessan kadhannaa isaanii dhedheeraa sababachu'uun, mana haadha hiyyeesotaa ni saaman, kanaaf isaan murtiin caalaan isaan irra ni gaya.» Yesus saanduuqa kenna'aa fuunduranaan taa'ee uduma jiru, ummanni sanduuqa keessa qarshii yoo buusan ni arga ture, dureeyyiin baayi'een'llee qarshii baayi'ee ni buusan ture. Haati hiyyeessaa hiyyeettiin takka dhufittee, saantibii shishiikkoo sibiila diima'aa lama gayu achi keessa ni buufitte. Yesus'llee barattoota isaa waamee akkana isaaniin ni jedheen, «Dhugamaan isiniin jedha, sanduuqa keessa qarshii namoota buusan mara irraa caalchifttee ka buufite, haadha hiyyeessaa hiyyeettii tana. Kuunniin marrinuu ka kennan qabeenna qaban irraa ka hafe, isiin garuu hiyyeettii taatee uduu jirttu, womaayyuu uduu hin hanbifatin, waan qabddu maraa ni kennite» jedhe. Uduma Yesus Mana Waaqeffanna'aatii bayaa'aa jiru barattoota isaa keessaa tokko, «Yaa barsiisaa! Dhagaayyii kunniinii fi gamoowwan kanniin mee laali, isaan ka baaseffachiisan!» Yesus'llee, «Gamoowwan guguddaa kanniin ni argitaamii ree? Dhagaayyiin kunniin marrinuu ni diigaman, dhagaan dhagaa irratti tuulamee hafu hin jiru» jedhee, deebiseef. Yesus fuundura Mana Waaqeffanna'aatiin Gaara Ejjerssaa irra taa'ee uduma jiru Phexiros, Yaaqoob, Yohaannisii fi Indriyaas adda isaanii titti gara isaa dhiyaatanii, «Wonitti kun ka ta'u yoom? Kun marri'llee raawwatamu'uuf yoo dhiyaatu, mallattoon isaa maali'i? Mee nutti himi» jechu'uun, ni gaafataniin. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Eennu'llee akka isin hin dogoggorssineef ufi eeggadhaa, baayi'eewwan, ‹ani Masihicha!› jedha'aa, maqaa kiyyaan ni dhufan, namoota baayi'ee'llee ni dogoggorssan. Dhiyeenna keessantti woraanni yoo taasfamuu fi fago'otti'llee oduu woraanaa yoo dhageettan hin nayinaa, kun marrinuu ta'uuf dirqamaatii, haa ta'u malee muummeen isaa ufi durana. Ummanni ummata irratti, mootummaan'llee mootummaa irratti woraana ni kaasa, bakka marattuu sochiin lafaatii fi beelli ni ta'a, kun marrinuu akka ciniinssu'uu ka jiru jalqaba sarddamaati.» «Isin'llee mataa keessaniif ufi eeggadhaa, namoonni mana murtii yaa'iitiif dabarssanii isin ni kennan, bakka woligayii isaanii maratti'llee isin ni dhaanan. Ragaa akka naa taataniif waayee kiyyaan bulchitootaa fi nugusota durana murti'iif, ni dhaabattan. Kun marrinuu ta'uun duranatti garuu, wongeelli biyya lafaa mara wolgayuun ni qaba. Namoonni qabanii gara murti'ii yoo isin dhiyeessan, ‹maal dubbanna laata?› jechu'uun dursitanii hin sarddaminaa, ka dubbatu Hafuura Qulqullu'u malee isinii miti. Kanaaf yeroo sanitti waanuma isinii kennu qofa dubbadhaa. Obboleessi obboleessa isaa, abbaan'llee ilma isaa du'aaf dabarssee ni kenna, ijoolleen'llee maatii isaanii irraatti diinumma'aan ni ka'an, isaan'llee ni ajjeesan. Waayee maqaa kiyyaatiif nama mara biratti ka jibbamttan ni taatan, haga muumme'ee titti ka obissaan dhaabatu garuu, ni fayya.» «Akkuma kana bakka itti argamuu hin qabnnetti waan batteessaa fi jibbisiisu ni argitan, kana'llee dubbifataan haa hubatu, yeroo sanitti worri Yihudaa jiran, gara gaarrotaa haa dheessan. Ka baaxii manaa irra jiru gara mana gad bu'ee mana isaatii waan tokko fudhachu'uuf, yeroo hin balleesin, bakka qonnaa ka jiru'llee uffata isaa fudhachu'uuf, gara duuba hin deebi'in. Yeroo sanitti worra ulffaatii fi haawotii daa'imaa hoosisaniif uunsha'a! Kun marrinuu yeroo gannaatiin akka hin taaneef, kadhadhaa. Ji'oota sanitti yeroo Waaqinni biyya lafaa uume irraa jalaqabee haga ammaa titti, rakkinni muldhatee hin beekinne ni ta'a, ufi durana'llee rakkinni isa fakkaatu, gonkumaa hin gayu. Gooftaan guyyoota sanniin gabaabssuu uduu dhabaatee eennu'llee fayyu'uuf hin danda'u ture, garuu namoota filatamaniif jecha guyyoonni sunniin, ni gabaabatan.» «Eegaa eennu'llee yoo ta'e, ‹Masihiin kunoo asi ni jira!› yookiin ‹kunnoo achi ni jira!› yoo isiniin jedhe, hin amaninaa.» Masihoonni dharaatii fi nabiyyoonni dharaa'llee ni dhufan, isaan uduu danda'anii worruma filatamanuu dogoggorssu'uuf, baasaa fi wonittoota maalale'ee ni raawwatan. Waan maraa durssee isinitti himee jiraatii, eegaa ufi eeggadhaa! «Yeroo sanitti, rakkinna kana maraan duubatti, aduun ni dukkanooftti, jiin'llee ifa isi'ii hin kennitu, urjjiiwwan sami'ii ni kufan, huminnoonni samii jiran'llee ni raafaman. Achiin duubatti'llee Ilmi Namaa huminna isaa ol aana'aa fi ulfinnaan duumessan yoo dhufu ni mulidhata, Maleykkoota isaa'llee ni erga, isaan'llee kallattii arfaniinuu deemanii daangaa arddi'iitii haga daangaa sami'ii titti worra argaman, namoota isaaf filataman wolitti ni qaban.» «Fakkeenni muka harbbu'uu barnnoota isiniif haa ta'u, dameewwan isi'ii yoo bayanii fi baalliin isi'ii'llee yoo lalisan, yeroo sanitti bonni akka dhiyaate ni beekittan. Akkuma kana isin'llee kun marrinuu ta'uu isaa yoo argittanitti, yeroon Ilmi Namaa itti dhufu balbalatti akka dhiyaate beekaa. Dhugamaan isiniin jedha, dhaloonni kun uduu hin dabrrniin duranatti, kun marrinuu ni raawwatama. Sami'ii fi arddiin ni dabrran, dubbiin kiyya garuu jabaatee ni jiraata.» «Garuu waayee guyyaa saniitii fi waayee saa'aatii sanii Waaqa Abbaa malee eennu'llee ka beeku hin jiru, maleyikkoonni sami'ii'llee hin beekan, Ilmi'llee hin beeku. Yeroon isaa yoom akka ta'u hin beekittaniitii ufi eeggadhaa, ka'aa. Kun'llee, mana isaa dhiisee gara biyya fago'oo nama deeme ni fakkaata, inni'llee tokko tokkoo tajaajilaa isaatiif itti gaafatama hujii adda addaa irratti ramadee, woriddiyyichi'llee dammaqee akka eeguuf ni ajajeen. Kanaaf gooftaan abbaan manaa yeroon inni itti dhufu hin beekittaniitii, ufi eeggadhaa, yookiin gara galgalaa titti, yookiin halkan qixxe'etti, yookiin lukkuun yoo iyyu, yookiin ganama obboro'oon ni dhufa ta'a. Dimmaa dhufee raffittanii, akka isin hin arganneef dammaqaa.» «Akkuma isinitti hime, kaanniin maraan'llee dammaqaa! Jedha.» Ayyaanni Yihudotaa ka Faasiika'aatii fi ka qixxa'aa kabajamu'uuf guyyaan lamaa hafee jira ture, itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa Yesusiin qabanii, karaa dabaan ittiin ajjeesan ni barbaadan turan. Garuu ummanni jeeqama ni kaasa jechu'uun, «Guyyaa ayyaanaatiin kana hin raawwannu» jedhan. Yesus Bitaaniya'atti mana Simoonii ka waashaye ture ni jira ture. Nyaataaf'llee dhiyaatee uduu jiru, dubarttiin takka shittoo jaalatamaa gatiin isaa haalaan guddaa ta'e, shurrubbee alibasxiroosii titti qabattee ni dhufitte, shurrubbee cabsstee shittoo mataa Yesusii irratti ni buufitte. Achi worra turan keessaa tokko tokko gocha kanaan dallananii, «Shittoon kun tasatti baashayuun isaa maali'iif? Shittoon kun dinaara dhibba sadihii olitti gurguramee, qarshiin hiyyeesotaaf kennamuun ni danda'ama ture!» woliin jedhan, dubarttii'llee ni ashaniin. Yesus garuu akkana ni jedhe, «Dhiisa'aanii! Waayee Maali'iitiif isii rakkifttan? Isiin anaaf waan mishaa raawwattee jirtti, hiyyeeyyiin yeroo maraa isin woliin waan jiraniif, yeroo barbaadanitti isaan gargaaru'uuf ni dandeettan, ana garuu yeroo mara isin woliin ana hin argattan. Dubarttiin tun waan danddeettu maraa raawwattee jirtti, foon kiyya'llee uduu hin awwaalaminiin duranatti qopheessu'uuf shittoo dibiddeen. Dhugamaan isiniin jedha, biyya lafaa mara bakka wongeelli kun itti lallabamu bakka kamittuu, kun wonitti isiin raawwatte yaadannoo isiiti'iitiif, ni dubbatamaaf.» Kudha lamaan keessaa tokko Yihudaan naminni biyya Askorotu'uu Yesusiin dabarssee kennu'uuf, gara itti gaafatamoota qeesotaa ni dhaqe. Isaan'llee kana yeroo beekanitti ni gammadan, qarshii'llee isaa kennu'uuf waadaa ni aseenaniif. Inni'llee Yesusiin dabarssee kennu'uuf yeroo mijaayaa ni barbaadaa ture. Yeroo Hoolaan Faasika'aa itti qalan jalqaba ayyaana qixxa'aa titti, barttoonni isaa gara isaa dhiyaatanii, «Irbaata Faasika'aa nyaachu'uuf, eessa deeminnee akka si qopheessinu'uuf barbaada?» jechu'uun, ni gaafataniin. Inni'llee barattoota isaa keessaa lamaan akkana jechu'uun ni erge, «Gara magaala'aa deemaa, achitti'llee nama waabaa bishaanii baadhate ni argattan, isa'llee horddofaa, gara mana inni aseenuu deema'aatii abbaa manaatiin, ‹barsiisaan barattoota kiyyaan woliin Irbaata Faasika'aa ka itti nyaadhu, manni boqata keessumma'aa eessa?› jedha, jedha'aanii. Inni'llee mana wol irroo jiru ka bashannanaaf qophaayee fi ka afame galmma guddaa isinitti ni muldhisa, achitti naaf qopheessaa» jedhe. Barattoonni lamaanuu achii bayanii gara magaala'aa ni deeman, akkuma Yesus isaaniin jedhe ta'ee ni argatan, Irbaata Faasika'aa'llee achitti ni qopheessan. Yeroo dhiyetti'llee Yesus barattoota isa kudha lamaan woliin ni dhufe, nyaatatti'llee dhiyaatanii uduma nyaata'aa jiran Yesus, «Dhugamaan isiniin jedha, isin keessaa tokko dabarssee ana ni kenna, inni'llee ka amma ana woliin irbaata nyaachuu irra jiru» jedhe. Isaan'llee waan kanaan gaddanii, «Ana ta'innaa laata?» jedha'aa, tartiiba tartiibaan ni gaafataniin. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Naminni sun kudha lamaan keessan keessaa tokko ka ta'e, ka amma anaan woliin qorii kana keessaa, ittoo tuqata'aa jiru, Ilmi Namaa akkuma durssee waayee isaatiif barreeffametti gara du'aa deemuun isaa hin hafu, garuu Ilma Namaa dabarssee ka kennu nama san isaa uunisha'a! Naminni sun durumaanuu uduu dhalachuu baatee isaa woyya ture!» Uduma isaan nyaachuu irra jiran Yesus hibsittii ol fuudhee eebbise kukkutee'llee barattoota isaatiin, «Hoo'aa, kun foon kiyya» jedhee isaaniif kenne. Duloo'llee ol fuudhee kadhannaa galataa eega taasiseen duubatti isaanii ni kenne, marrinuu duloo keessaa ni dhugan. Akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Kun waayee baayi'eewwaniif ka jigu dhiiga kiyya ka waada'aa haarawaat, dhugamaan isiniin jedha, Mootummaa Waaqaa titti woyinnii haarawa irraa haga dhugutti, cuunffaa firii woyinnii kanaa irraa deebi'ee hin dhugu.» Kanaan duubatti'llee faaruu faarffatanii, gara Gaara Ejerssaa ni bayan. Yesus'llee barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Tissicha dhayee ni ajjeesa, ‹hoolonni'llee ni bittinnaayan› jedhamee barreeffamee jiraatii, marri keessan ana ni waakkattan, anaan'llee ni gufattan, ana dhiifittanii'llee ni dheessitan, garuu du'aa eega ka'een duubatti gara Galiila'aa isin durssee, ni deema.» Yeroo kanatti Phexiros, «Yoma kuunniin marri si waakkatan'llee, ani gonkumaa si hin waakkadhu!» jedheen. Yesus'llee, «Dhugamaan siin jedha adha halkan kana uduu lukkuun harka lamaa hin iyyin duranatti, ati yeroo sadihii ana ni waakkatta» jedheen. Phexiros garuu, «Yoma Du'uun'llee ka barbaachisu taate si'iin woliin ni du'a malee, gonkumaa si hin waakkadhu!» jedha'aa, cimssee ni dubbate. Barattoonni hafan'llee akkuma kana, ni jedhan ture. Kanaan duubatti gara bakka Getesemaanee jedhamuu ni deeman, Yesus barattoota isaatiin, «Ani achitti yoo kadhadhu isin asi turaa» isaaniin jedhe. Phexirosii, Yaaqoobii fi Yohaannisii'llee ufi duukaa fudhatee ni deeme, achitti'llee haalaan gaddu'uu fi sarddamuu'llee jala qabe. Akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Lubbuun tiyya haga du'aa titti gadditee jirtti, isin asi turaa, dammaqa'aa'llee eegaa.» Isaan irraa muraasa achi fagaatee ni deeme, lafa irratti'llee kallacha isaatiin gonbbifamee, ka danda'amu yoo ta'e saa'aatiin sun akka isa irra dabrramuuf ni kadhate. Akkana'llee ni jedhe, «Yaa Abbaa, wonitti marrinuu siif ni danda'ama, duloo sarddamaa kana ana irraa fageessi, garuu akka fedhii keetiiti malee, akka fedhii kiyyaa hin ta'in» jedhe. Gara barattoota sadiinii deebi'ee yeroo dhufetti, rafanii isaan ni argate, kanaaf Phexirosiin, «Yaa Simoon, raffitee jirta moo? Saa'aatima tokkoof'llee dammaquu hin danddeennee?» jedheen. «Gara qormaataatti akka hin aseennef hisadha'aatii kadhadhaa, hafuurri qophaaya'a, foon garuu dadhaba'a» isaaniin jedhe. Deebi'ee'llee deemee, jechuma duranaa san dubbachu'uun, ni kadhate. Akkuma kana deebi'ee'llee yeroo dhufetti, ijji isaanii hirribaan ulffattee waan tureef, rafanii'llee isaan ni argate, waan isaa deebisan'llee hin beekan ture. Yeroo sadaffa'aaf'llee gara isaanii dhufee akkana isaaniin ni jedhe, «Amma'llee ammoo raffittanii jirttanii? Amma'llee boqannaa ni taasfttanii ree? Eegaa ammoo gaye! Saa'aatiin gayee jira! Kunoo! Ilmi Namaa harka cubbamootaa titti dabarffamee ni kennama. Jedhaa mee ka'aa haa deeminnuu! Ka dabarssee ana kennu kunoo dhiyaatee jira!» jedhe. Bakkumatti uduma Yesus kana dubbata'aa jiru kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e Yihudaan ni dhufe, isa woliin'llee bilayaa fi ulee worri qabatan namoonni baayi'een ni turan, isaan'llee itti gaafatamoota qeesotaa, barsiisota seeraatii fi jaarsotii biraa'llee worri ergaman ni turan. Yihudaan dabarssee isa kennu'llee, «Isin ka qabddan ka ani nagaya gaafadhee dhungadhuun, isa ufi eegganna'aan qaba'aatii fudhadha'aanii» jechu'uun, malikata isaanii kennee ture. Yihudaan'llee bakkumatti dhufee gara Yesusii dhiyaateeti, «Yaa barsiisaa!» jedhee, ni dhungateen. Kanaan duubatti namoonni Yesusiin ni qabaniin. Worra achi dhaabatanii turan horddofittoota Yesusii keessaa tokko billaya isaa luqqifatee, tajaajilaa itti gaafatama'aa gurra ni mure. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Bilayaa fi ulee qabattanii ka dhufittan, ana akka shiftta'aa titti qabu'uuf moo? Guyyama guyya'aan Mana Waaqeffanna'aa titti barsiisa'aa isiniin woliin yoo jiraadhutti ana hin qabnne ture, garuu kun ka ta'e dubbiin kitaabban Qulqullu'uu akka raawwatamuuf.» Barattoonni isaa marrinuu isa dhiisanii ni dheessan. Woyaa qoola leelashe'ee qofa ka uffate dargaggeessi tokko garuu Yesusiin ni horddofaan ture, namoonni yeroo isa qabantti'llee, inni'llee woyaa gatee qullaa isaa dheessee, jalaa ni baye. Yesusiin garuu gara mana itti gaafatamaa qeesotaa ni fudhataniin, achitti itti gaafatamoonni qeesotaa, jarsoti'ii fi barsiisonni seeraa marri, wol ni gayan. Phexiros'llee haga moonaa itti gaafatamaa qeesotaa titti Yesusiin fago'oo ni horddofaan ture. Achi'llee worddiyyoota woliin taa'ee, ibidda ni oo'ifata ture. Itti gaafatamoonni qeesotaatii fi miseensonni yaa'ii marrinuu, Yesusiin ajjeesisu'uuf ragaa ni barbaadan ture, garuu hin arganne. Baayi'eewwan'llee dharaan ragaa itti bayanii ture, ta'u'llee jechi ragumma'aa, wolitti uduu hin galin ni hafe. Tokko tokkoon isaa'llee ka'anii akkana jechu'uun dhara ragaa itti ni bayan, «Ani Mana Waaqeffanna'aa ka harka namaatiin hojjatame kana diigee guyyaa sadihi keessatti, ka bira'aa ka harka namaatiin hin hojjatamin ni ijaara jedhee, yoo dubbatu dhageenneenii jirra.» Kana'llee ta'ee garuu, ragummaan isaanii wolitti hin galle. Itti gaafatamaan qeesotaa'llee jidduu isaanii dhaabatee, «Womaayyuu hin deebifittuumii? Namoonni kunniin himannaan si irratti dhiyeessan kun maal'i?» jedhu'uun, Yesusiin ni gaafateen. Yesus garuu ni caldhise malee deebii woyiituu hin kennine. Itti gaafatamaan qeesotaa'llee, «Ilmi Waaqa eebbifama'aa Masihichi si'i moo?» jechu'uun, irra deebi'ee ni gaafateen. Yesus'llee, «Ee ana, Ilmi Namaa mirga Waaqaatiin taa'ee ni argitan! Akkuma kana duumessa sami'iitiin deebi'ee yoo dhufu ni argitan» jedhe. Itti gaafatamaan qeesotaa'llee dallanssu'uun uffata isaa tarsaaseeti, «Ragaa bira'aa maal nu barbaachisa ree? Kunoo! dubbii arrabaa kana Waaqa irratti yoo aggaamu dhageettanii jirttan, eegaa maal isinitti fakkaata ree?» jedhe. Marrinuu jecha tokkoon, «Du'atu malaan!» jedhanii, itti ni murteessan. Tokko tokko'llee hancufa isaanii itti tufuu jala ni qaban, ija isaa'llee subbe'een haguugganii, «Ati nabiyyii yoo taate mee eennu akka si dhaye beeki!?» jedha'aa, tontoommu'uun ni dhayaniin ture. Kuunniin'llee dhabanaassa'aan dhaya'aa, ni fudhataniin. Phexiros mana itti gaafatamaa qeesotaatii gaditti moonaa keessa uduu jiru, hojjattoota mana itti gaafatamaa qeesota keessaa takkatiin ni dhufitte, Isiin'llee Phexiros ibidda yoo oo'ifatu argitee, guuttattee laalitteeniiti, «Ati'llee Yesusii Naazireetii woliin turte?» ni jetteen. Inni garuu, «Ani hin beeku, wonitti ati jettuu'llee naaf hin gallu» jechu'uun ni waakkate. Kana'llee jedhee gara alaa titti akkuma bayeen, lukkuun ni iyye. Hojjatittiin'llee Phexirosiin argitee, worra achi dhaabataniif, «Kun'llee gara worra isaati!» jechu'uun, deebitee dubbachuu jala ni qabdde. Inni garuu deebi'ee ni waakkate. Yeroo muraasa turee'llee namoonni achi dhaabatanii turan Phexirosiin, «Nama Galiila'aa ta'uu kee haasofnni keetuu qajeelaan ni ibisa, kanaaf dhugamaanuu ati'llee nama gara isaaniitii,» jedhaniin. Inni garuu, «Nama jettan kana ani isa hin baakuun!» jedha'aa, mataa isaa abaaruu fi kakachuu, jala ni qabe. Bakkumatti lukkuun yeroo lammaffaa ni iyye, Phexiros'llee, «Uduu lukkuun yeroo lammaffaa hin iyyin, harka sadihii ana ni waakkatta» jechu'uun, dubbii Yesus dubbate waan yaadanneef, fiqqifatee, ni booye. Ganama obboro'oon itti gaafatamoonni qeesotaa jaarsotii, barsiisota seeraa, miseensota yaa'ii mara woliin ni mari'atan, kanaan duubatti Yesusiin hidhanii fudhataniiniiti, Philaaxosiif dabarssanii ni kennaniin. Philaaxos'llee, «Ati nugusa worra Yihudotaatii?» jechu'uun, ni gaafateen. Yesus'llee, «Akkuma ati jette» jedheen. Itti gaafatamoonni Yihudotaa garuu Yesusiin waan baayi'e'een, ni himataniin ture. Kanaaf Pilaaxoos, «Waan meeqaan akka si himatan mee laali! Gonkumaa deebii woyiituu hin kennitu moo?» jechu'uun, irra deebi'ee ni gaafateen. Philaaxos haga baaseffatutti amma'llee Yesus, deebii woyiituu hin kennine. Philaaxos woggaa wogga'aan yeroo ayyaana Faasiikaa Yihudotaa titti, nama hidhamaa namoonni akka isaanii hiikamuuf gaafate hidhamaa tokko, isaaniif gadi dhiisa ture. Yeroo sanitti Mootummaa irratti kaka'anii, nama ajjeesu'uun mana hidha'aa ka aseenan, namoota hamaawwantu jira ture, namoota hamaawwan kanniin keessaa'llee tokko, Barabbaan nama jedhamutu ture. Ummanni'llee gara Philaaxosii dhiyaatee dhiifama baratame akka isaanii taasisu, ni gaafataniin. Inni'llee, «Nugusa worra Yihudotaa hiikee gadi akka isiniif dhiisuu barbaadan moo?» jechu'uun, isaan ni gaafate. Kana'llee ka jedheef Itti gaafatamoonni qeesotaa Yesusiin dabarssanii ka kennaniin, hinaaffa'aan ta'uu isaa ni beeka waan tureef. Itti gaafatamoonni qeesotaa garuu, «Bakka isaa Barabbaan nuuf haa hiikkamu» jedhaanii, Philaaxosiin akka gaafataniif namoota ni kakaasan. Philaaxos'llee, «Eegaa, kana nugusa Yihudotaati ka jettaniin, maal haa taasisuun?» jechu'uun, deebi'ee namoota ni gaafate. Isaan'llee, «Fannisiin!» jedha'aa, irra deebi'anii ni iyyan. Philaaxos'llee, «Maali'iif? Balleessaan inni raawwate maal'i?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Fannisiin!» jedha'aa, baayi'issanii ni iyyan. Philaaxos'llee namoota gammachiisu'uuf jedhee, Barbbaaniin hiikee isaanii gad ni dhiise, Yesusiin garuu dhaansiseeniiti akka fannifamuuf dabarssee, ni kenneen. Lolttoonni'llee Yesusiin gara moonaa bulchaa biyyaa ni fidaniin, lolttoota hafan mara'llee ni waaman, Uffata diimaa'llee itti ni ufisan, gonfata qore'ee'llee maraanii mataa isaa irra ni kaayaniif. «Yaa nugusa Worra Yihudotaa! Nageenni siif haa ta'u!» jedha'aa baldu'uun, nagaya ni gaafataniin ture. Ulee ooya'aatiin mataa isaa keessa ni dhayaniin ture, hancufa isaanii'llee itti ni tufan ture, isa duratti'llee balddu'uun jilbbiiffatanii ni sagadaniif ture. Eega itti balddaniin duubatti'llee uffata diimaa irraa baasanii, uffata isaa itti ni uffisan fannisu'uunuuf'llee ni fidaniin. Uduma deema'aa jiran'llee nama biyya Qareena'aa ka ta'e abbaan Iskindroosiitii fi abbaan Ruufoosii Simooniin, baaddiyya'aa gara magaala'aa yoo galu ni argataniin, fannoo Yesusii'llee akka baadhatuuf ni dirqisiisaniin. Kanaan duubatti Yesusiin hiikkaan isaa (Lafee mata'aa ka ta'ee) gara bakka Golgootaa jedhamuu ni fidaniin. Achitti'llee daadhii woyinni'ii ka qumbbiin itti makame akka dhuguuf ni kennaniif, inni garuu hin dhuginne. Kanaan duubatti'llee ni fannisaniin, uffata isaa'llee eennu maal akka fudhatu beeku'uuf carraa ni buufatanii, ni qoodaman. Yesusiin yoo fannisaniin yeroon ganama keessaa, saa'aatii sadihii ni ture. Yakka isaa'llee muldhisu'uuf, «Nugusa Yihudotaa» barreeffaminni jedhu, barreeffamee ture. Yesusiin woliin'llee shifttoota lamaa fidanii tokko mirga isaatiin, tokko'llee bitaa isaatiin ni fannisan. [ Haala kanaan'llee, «Hamaaleyyii woliin ni laakkayame» ka jedhu, dubbiin raagaa ni raawwatame.] Namoonni isa biraan ni dabrran turan'llee mataa isaanii itti raasa'aa, akkana jedha'aa ni arrabisaniin ture, «Hayi, ati Mana Waaqeffanna'aa diigiddee guyyaa sadihitti ka ijaarttu! Mee amma fannoo irraa bu'iitii, mataa kee fayyisi!» Bifa kanaan itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa'llee, ufii isaaniitii akkana woliin jedha'aa, wolitti ni balddan ture, «Kaanniin fayyisee jira, mataa isaa garuu fayyisu'uuf hin dandda'u! Inni Masihicha nugusa worra Israa'eelii eega ta'e, mee amma fannoo irraa haa bu'uu, nu'llee argineeti, isatti haa amannuu!» Akkuma kana shifttoonni isa woliin fannifaman'llee, ni arabbisaniin ture. Guyyaa keessaa'llee saa'aatii jahaa jalaqabee haga saa'aatii sagalii titti, arddii mara irrattuu dukkana ni ta'e. Saa'aatii sagalii yoo ta'u Yesus, «Elohii, Elohii laamaa sabaqitaanii?» jedhee, qoonqqa ol aana'aan ni iyye. Hiikkaan'llee, «Waaqa kiyya! Waaqa kiyya! Maali'iif ana dhiiftte?» jechu'u. Namoota achi'llee dhaabatanii turan keessaa tokko tokkoon isaanii iyya isaa dhagayanii, «Kunoo! Eliyaasiin waama'aa jira!» jedhan. Isaan keessa'llee tokko fiigeeti dhaadhii dhangaggaayaa waan akka fuutta'aa titti ni guute, akka dhuguuf'llee ulee ooyya'aa irratti rarraasee Yesusii kenneefiiti, «Mee turi, Eliyaas dhufee ka isa gad buusu yoo taate, haa laalluu!» jedhe. Kaniin duubatti'llee Yesus qoonqqa ol aana'aan ni iyye, lubbuun isaa'llee foon isaa irraa ni fooyamitte. Golganni Mana Waaqeffanna'aa'llee olii haga gadii titti tarssa'ee, bakka lamatti ni qoodame. Fannoo duranaan dhaabatee ka jiru ajajaan dhibbaa, lubbuun Yesusii attamitti foon irra akka adda baate yeroo argetti, «Naminni kun dhugamaanuu Ilma Waaqaa ture» jedhe. Fagoo ta'anii ka laalan dubarttoonni tokko tokko'llee, achi ni turan. Isaan keessaa'llee Magdalaawittiin Maariyaam, haati Yaaqoobii maandhichatii fi haati Yoosa'aa Maariyaam, Salomeen'llee ni argaman ture. Isaan'llee yeroo Yesus Galiilaa turetti, isa ni horddofaniinii fi ni tajaajilaaniin turan. Akkuma kana Yesusiin woliin gara Yerusaalemii ka dhufan, dubarttoonni baayi'een bira'aa'llee ni turan. Guyyaan dhiyee waan tureef jala bulttii Sanbbataatii fi yeroo qophaayinnaa ni ta'e, yeroma sanitti miseensa yaa'ii Yihudotaa ka ture Yooseef ka jedhamu, kabajamaa naminni biyya Armaatiyaasii ni dhufe. Inni'llee nama Mootummaa Waaqaa abddi'iin eeggatu ni ture. Uggiinsaan'llee Philaaxosiin duranatti dhiyaateeti, reeffa Yesusii akka isaa kennamuuf ni kadhateen. Philaaxos'llee, «Attam akkanatti daddafaan du'e?» jedhee ni maalale. Ajajaa dhibaa'llee waamsisee, «Dhugamaanuu eega du'ee turee jiraa?» jechu'uun, ni gaafateen. Du'uu Yesusii'llee ajajaa dhibbaa irraa eega dhagayeen duubatti, reeffa akka fudhatuuf Yooseefii ni eeyyame. Yooseef'llee uffata kafanni'ii haarawa biteeti, reeffa Yesusii fannoo irraa buusee ni kafaneen, awwaalaa dhagaa siida'aa irraa bocamee qophaaye keessatti ni awwaalleen. Dhagaa guddaa'llee gangalchee awwaalaa ni cufe. Magdalaawittiin Maariyaamii fi haati Yoosa'aa Maariyaam'llee, Yesusiin eessatti akka awwaalaniin ni laalan turan. Guyyaan Sanbbataa eega dabrreen duubatti Maariyaam Magidalaawittiin, haati Yaaqoobii Maariyaam, Saloomee'llee ta'anii reeffa Yesusii dibu'uuf, shittoo urgoofttuu mishaa irraa qophaaye ni bitan. Torbaan keessaa guyyaa jalqabaa dilbbata ganama obboroo, yeroo aduun baatutti, gara awwaalaa ni dhaqan. Isaan'llee, «Dhagaa affaan awwaalaa irraa eennutu nuuf gangalchee banama?» jechu'uun, woliin haasaya'aa ni deeman ture. Kana'llee wonitti jedhaniif dhagaan awwaalli itti cufame haalaan guddaa waan tureef, ol jedhanii'llee yeroo laalanitti garuu, dhagaan gara dalggaa gangalatee ni argan. Gara awwaalaa'llee yeroo aseenanitti dargaggeessi uffata adii uffate, gara mirgaatiin taa'ee arguu isaaniitiin, ni nayan. Inni garuu akkana isaaniin ni jedhe, «Jabaadhaa hin nayinaa, isin ka barbaadan fannifamee ka ture Yesusii Nazireetii akka ta'e ni beeka, inni ka'ee jira, asi hin jiru, bakki itti awwaalame'llee kunoot laalaa. Amma'llee deemaa, barattoota isaatii fi Phexirostti, ‹akkuma asiin duraan Yesus isinitti himetti, inni gara Galiila'aa isin durssee ni deema, achitti'llee ni argitaniin› jedha'aatii, isaanitti himaa.» Dubarttoonni'llee soda'aan hollata'aa bakka awwaalaatii bayanii ni dheessan, haalaan sodaatanii waan turaniif, woma tokkoo eennutti'llee hin dubbanne. [Yesus torbaan keessaa guyya jalqabaa Dilbbata ganama obboroo eega du'aa ka'een duubatti, jalqaba ta jinniiwwan torbaa baaseef Magdalaawittii Maariyaaamtti ni muldhate. Isiin'llee deemittee, worra gaddaa fi booya irratti argaman horddofttoota isaa titti ni himtte. Isiin'llee «Yesus du'aa ka'ee lubbu'uun ni jira, ani'llee ija kiyyaan argeenii jira» jettee isaanitti ni himtte, isaan garuu isii hin amanneen. Kanaan duubatti'llee gara baadiyya'aa ni deeman worra turan barattoota isaa lamaantti, Yesus bifa bira'aatiin isaanitti ni mulidhate. Isaan'llee deebi'anii barattoota isaa ka hafanitti ni himan, barattoonni isaa garuu kanniin'llee isaan hin amanne. Kanaan duubatti'llee kudha tokkonuu nyaataaf dhiyaatanii uduma nyaata'aa jiran, Yesus isaanitti ni mulidhate, «Yesus du'aa ka'ee lubbu'uun ni jira, ija keennaan'llee isa arginee jirra» jedhanii, isaanitti worra himan amanuu dhabuu isaaniitii fi mata jabuu isaaniitiin'llee, isaan ni ashan. Akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Gara biyya lafaa mara deemaa, nama mara wongeela barsiisaa. Ka amanee fi ka cuuphame ni fayya, ka hin amanne garuu itti ni murtteeffama. Worri anatti amanan marrinuu baasota kanniin ni taasisan, maqaa kiyyaan jinniiwwan ni baasan, afaan haarawaan'llee ni dubbatan, bofoota yoo qaban, yookiin summii nama ajjeesu'llee yoo dhugan isaan hin miidhu, harka isaanii dhukkubisattoota irra yoo kaayan, dhukkubisattoonni ni fayyan.» Gooftaan Yesus kana mara eega isaanitti dubbateen duubatti, gara sami'ii ol ni deebi'e. Mirga Waaqaatiin'llee ni taa'e. Barattoonni isaa'llee bakka mara deema'aa ni barsiisaan, Gooftaan'llee isaan woliin ni hojjataayyu ture. Aangoo baasota taasisu'uu'llee isaaniif kennu'uun, dhugaa ta'uu barsiisa isaanii'llee ni mirkaaneessa ture.] Ka kabajamitte yaa Tewofilos, Wonittoota nu jiddu'utti raawwataman seenaa ibisu, asiin durana baayi'eewwn barreessanii jiran. Ergaa kana nuuf worri dabarssan, jalqabumaa kaasee ragoota ijaan arganii fi tajaajilttoota dubbii isaa worra turan. Akkuma kana ani jalqabumaa kaasee, waan maraa ufi eegganna'aan eega qoradheen duubatti, seenaa isaa tartiibaan siif barreessuun, mishaa ta'ee isaa ni argadheen. Kana'llee raawwachuun kiyya'llee, dhugummaa barnnoota barattee, akka ta'utti akka hubattuuf jedheeti. Heerodis arddii Yihuda'aa titti nugusa yeroo turetti, kutaa qeesummaa Abiya'aatii ka ta'e, Zakaariyaas qeesicha jedhamutu jira ture. Inni'llee fiixaa Aroonii keessaa ka dhalattu haadha worraa, Elsaabex ta jedhamttu qaba ture. Lamaanuu Waaqa duranatti qulqullaayota ni turan, ajajaa fi naamusa Goofta'aa'llee ashaa malee ni eeggan turan. Elsaabex dhabidduu waan turtteef finna hin qaban ture, akkuma kana lamaanuu haalaan jaaranii jiran ture. Yeroo sanitti gareen tajaajila qeesummaa Zakaariyaas, tajaajila Mana Waaqaatiif worra kore'ee ni ture, kanaaf inni Waaqa duranatti tajaajila qeesummaa isaa raawwachuu irra ni ture. Akka hujimaata qeesotaa ka baratamee titti, gara Mana Gooftaa ka Waaqeffanna'aa aseenee ixaana aarssu'uuf, carraan ni gayeen. Mana Waaqeffanna'aa keessatti'llee ixaanni yeroo aarffamutti, ummanni marrinuu ala dhaabatanii ni kadhatan turan. Maleeyikkaan Goofta'aa furdda ixaanni itti aarffamu gara mirgaatiin dhaabatee, Zakaariyaasitti ni mulidhate. Zakaariyaas'llee maleyikkicha yeroo argetti, nayee soda'aan ni liqimffame. Maleeyikkichi garuu akkana ni jedheen, «Yaa Zakaariyaas! Hin sodaatiin! Kadhannaan kee siif dhagayamee jira, haati worraa kee Elsaabex ilma dhiiraa siif ni deetti, maqaa isaa'llee Yohaannis jettee ni waamitaan. Dhalachuun isaa siif waan misha'aa fi gammachuu isiniif ni ta'a, baayi'eewwan'llee dhalachuu isaatiin akkuma kana, ni gammadan. Inni'llee Gooftaa duranatti hangafa ni ta'a, daadhii woyyinni'iitii fi ka bira'aa'llee dhugaatii nama macheessu hin dhugu, uduma gadaamessaa haadhaa keessa jiru Hafuura Qulqullu'uun ka guuttame ni ta'a. Inni'llee ummata Israa'eelii keessaa baayi'eewwan gara Waaqa Gooftaa isaanii isaan ni deebisa, akkuma nabiyyicha Eliyaasii hafuuraa fi huminnaan ta'ee inni onnee abbootii gara ijoollee isaanii, onnee namoota hin ajajamnne'llee gara ogummaa ququllaawotaa titti ni deebisa, ummata'llee dammaqissu'uun Goofta'aaf akka qophaayan isaan ni taasisa.» Zakaariyaas garuu Maleyikkichaan, «Wonitti kun dhugaa ta'uu isaa maali'iin beeka? Ani jaaree jira, haati worraa tiyya'llee umri'iin ufi durana deemitee jirtti» jedheen. Maleeyikichi'llee akkana jedhu'uun ni deebiseef, «Ani Waaqa durana ka dhaabadhu Gabri'eel, oduu gammachu'uu kana akka sitti himuuf, Waaqa biraa ergamee dhufee jira. Ati garuu yeroon yoo gayutti dubbii kiyya ka raawwatamu hin amanne, kanaaf wonitti sitti hime kun marrinuu haga raawwatamutti duudaa ni taata, dubachuu'llee hin dandeettu.» Yeroo kanatti namoonni Zakaariyaasiin ni eeganiin ture, Mana Waaqeffanna'aa keessatti'llee waan isaan irraa tureef, ni maalaliffatan. Zakaariyaas Mana Waaqeffanna'aatii yeroo bayetti, namootaan woliin haasayu'uuf hin dandeenne, kanaaf isaan Mana Waaqeffanna'aa keessatti mulidhanni ka isatti mulidhate ta'uu ni beekan, inni'llee harkaan akeeka'aa isaan ni hubachiisa ture. Haala kanaan'llee duudaa ta'ee ni ture. Yeroo tajaajila isaa'llee eega raawwatameen duubatti Zakaariyaas gara mana isaa, ni deeme. Yeroo muraasaan duubatti'llee haati worraa isaa Elsaabex ni ulfooftte, ji'a shanii mana isi'ii keessatti dhokattee ni turtte, akkana'llee ni jette, «Gooftaan waan mishaa kana naaf raawwatee jira namoota jiddu'utti ashaa ni qaba ture'llee, naaf dhabamisiisee jira» jette. Elsaabex ulfoofttee ji'a jahaffaa titti malayikichi Gabri'eel arddii Galiila'aa titti gara magaalaa argamtu ta Naazireet jedhamtuu titti, Waaqaan biraa ni ergame. Ka ergame'llee fiixaa Daawiitii keessaa gara ka ta'e Yooseef nama jedhamu, gara ta qaadhimammittee gara durbba duudaa takkaa ture, maqaan durbba duudaa tanaa'llee Mariyaam ture. Maleeyikkichi'llee gara isi'ii dhufee, «Ati kennaa isaa ka bilisaatiin ta guuttamtte, nageenni si'iif haa ta'u! Gooftaan si woliin jira, [Ati dubarttoota jiddu'uu ta eebbifamtte]» isi'iin jedhe. Isiin'llee haasaya maleyikkichaatiin haalaan naatee, «Kun nagaya attamii ta'inna?» jettee, ni yaadde. Maleeyikichi'llee akkana ni jedheen, «Yaa Mariyaam! Waaqa duranatti gaachena argattee jirtaatii hin sodaatin, kunoo! ni ulfooftta, Ilma dhiira'llee ni deetta, maqaa isaa'llee Yesus jettaan. Inni Ol Aanaa ni ta'a, Ilma Waaqa Ol Aana'aa'llee ni jedhama, Gooftaan Waaqinni'llee teessoo abbaa isaa Daawiitii ni kennaaf. Israa'eeliin irratti'llee bara baraaf nugusa ta'a, Mootummaa isaatiif'llee muummee hin qabu.» Maariyaam'llee maleeyikkichaan, «Ani durbba duuda'a, eegaa, wonitti kun attamitti ta'uu danda'a ree?» jetteen. Maleeyikkichi'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Hafuurri Qulqulluun gara kee ni dhufa, humnniti Waaqa Ol Aana'aa'llee si irra ni ta'a, kanaaf daai'minni si irraa dhalatu'llee Qulqullu'u, Ilma Waaqaa ni jedhama. Firittittiin tee Elsaabexilee dhabidduu jedhama'aa jiraattee amma gara jaaruma isi'ii titti, ilma dhiiraa ulfoofttee jirtti, haga ulfooftte'llee kunoo ji'a jahaffaa isi'iiti. Waaqaaf wonitti isa dhibu hin jiru.» Kanaan duubatti Maariyaam, «Kunoo! Ani tajaajilttuu Goofta'aati, akkuma ati jette naaf haa ta'u» jetteen. Yeroo kanatti maleyikkichi isii biraa fooyamee ni lixe. Yeroo sanitti Maariyam gara magaalaa biyya Yihuda'aa ta gaaraa jirttuu, dadafaan kaatee ni deemtte. Gara mana Zakaariyaasii'llee aseenttee, Elsaabexiin nagaya ni gaafatteen. Elsaabex qooniqqa nagaya Maariyaamii yeroo dhageettetti, daa'immnni gadaamessaa isi'ii keessa ture ni utaale. Elsaabex'llee Hafuura Qulqullu'uun guuttamttee, qooniqqa isi'ii'llee ol fudhattee akkana ni jette, «Ati dubarttoota jiddu'uu ta eebifamtte, ka si irraa dhalatu'llee ka eebbifame. Haati Gooftaa kiyyaa ana laalu'uuf dhufuun isi'ii, anaaf ulfinna ol aanaa attamiiti, uduma qoonqqa gaafii nagaya keetii dhagaya'aa jirutti, daai'mnni gadaamessaa kiyya keessa jiru, gammachu'uun ni utaale. Ati Gooftaan waan dubbate maraa ka raawwatu ta'uu isaa amanuu keetiin, attam ta eebbifamitte!» Maariyaam'llee akkana ni jette, «Lubbuun kiyyaa Gooftaa ni galateeffatti, hafuurri kiyya'llee Waaqa qoricha kiyyaan ni gammaddi, Waaqinni ana tajaajilttuu gad aanttuu laalee jiraatii, Adhaa jala qabee dhaloonni marrinuu, ati ta eebbifamitte naan jedhan, Waaqinni Ol Aanaan wonittoota guguddoo naaf raawwatee jiraatii. Maqaan isaa'llee Qulqullu'u. Waaqinni namoota isa sodaatan maraaf, dhalootaa haga dhalootaa titti, dhiifama ni taasisa. Ciqilee isaa cima'aan huminna isaa muldhisee jira, ufi tuulttota'llee yaada isaanii woliin isaan bittinneessee jira, Bulchitoota ol aanttota teessoowwan isaanii irraa, isaan buusee jira, gad aantota garuu ulfinnaan, ol isaan qabee jira. Worra beelayan waan misha'aan isaan quubssee jira, dureeyyii garuu harka duwwaa isaan geegessee jira. Abrahaamii fi fiixaa isaatii bara baraan, dhiifama isaaniif mulidhise yaadachu'uun, Tajaajilaa isaa Israa'eelii gargaareenii jira. Kana'llee ka raawwate abbootii teenna ta duraatiif, dubbii kenne ta abddi'ii raawwachu'uuf.» Mariyaam'llee Elsaabexiin woliin ji'a sadihiif eega turtteen duubatti, gara mana isi'ii deebitee ni deemitte. Elsaabex yeroon dayiinssa isi'ii gayeeti, ilma dhiiraa ni deette. Olloonni isi'iitii fi firoonni isi'ii marrinuu Gooftaan dhiifama ol aanaa isi'ii akka taasiseef dhagayanii, isii woliin ni gammadan. Daai'mnni dhalatee guyyaa saddeetaffaa titti, naamusa gadoomaa daa'imaa irratti argamu'uuf, olloonni isi'iitii fi firoonni isi'ii wol gayanii ni dhufan, maqaa abba'aatiin Zakaariyaas jedhanii isa waamu'uuf barbaadanii turan, haati garuu, «Akkana hin ta'u, maqaan isaa Yohaannis» jette. Isaan'llee, «Maatii kee keessaa maqaa kanaan ka waamame eennu'llee, hin jiruu?» isi'iin jedhan. Kanaan duubatti abbaa isaatiin, «Ilmi kee eennu jedhamee akka waamamuuf barbaadda?» jedhanii, malikataan ni gaafataniin. Zakaariyaas'llee waan barreessaniin akka kennaniif gaafatee, «Maqaan isaa Yohaannis» jedhee ni barreesse, marrinuu waan kanaan ni maalaliffatan. Yeroma sanitti Zakaariyaas arrabinni isaa hiikkamee dubbachu'uuf ni danda'e, Waaqa'llee galateeffachuu jala ni qabe. Kana irraa kan ka'een olloota isaanii mara irrattuu, sodaan ni bule, oduun'llee lafa gaara biyya Yihuda'aa maratti, ni dhagayame. Waan kana ka dhagayan marrinuu, «Daai'minni kun maal ta'uuf danda'a?» jedha'aa, wol ni gaafatan ture. Kun'llee ka ta'eef gargaarissi Waaqaa, dhugamaanuu isaan woliin waan jiruuf. Abbaan daa'imaa Zakaariyaas'llee Hafuura Qulqullu'uun guuttamee, akkana jechu'uun raaga ni dubbate, «Ummata isaa dhiifamaan waan laalee fi waan isaan fayyiseef, Waaqinni Israa'eelii Gooftaan, haa galateeffamu! Fiixaa Daawiitii tajaajila'a keessaa, Fayyisaa ol aanaa kaasee jiraatii, bara durii irraa jalqabee akkuma afaan nabiyyoota Qulqullaawota isaatiin dubbatetti, harka diinota keennaatii fi himattoota keennaatii, nu fayyisee jira, kana'llee taasisuun isaa abbootii keennaaf dhiifama akka taasisuu fi ka dubbate waadaa dubbii isaa Qulqullu'uu'llee akka raawwatu yaadu'uun. Waadaa kana'llee, kaku'uun ka kenne abbaa keenna Abrahaamiif ture, dubbiin abddii isaa'llee harka diinota keennaatii bilisa baanee, sodaa malee, akka isa tajajilluuf, akkuma kana bara jireenna keennaa marattuu, Waaqa duranatti Qulqullumma'aa fi qulqullaayomnna, jiraachuu akka dandeennuuf. Deebi'ee'llee ati daa'ima nana, nabiyyicha Waaqa Jiraata'aa ni jedhamtta. Karaa isaa'llee qopheessu'uuf dursitee Gooftaa duranatti, ni deemitta. Gooftaan'llee cubbuu isaaniitiif dhiifama taasisu'uun, beekkomissa fayyinnaa isaanii ni kenna. Waaqinni keenna dhiifamaa taasisa'aa fi gara laafessa waan ta'eef ifin fayyinnaa gara oliitii, akka nuuf ifu ni taasisa. Inni worra dukkanaa fi gaadisa du'aa jala jiran maraafuu ni ibisa, tarkaaniffii keenna'llee gara karaa nagayaa titti, ni eemara.» Daai'mnni'llee guddate, hafuuran'llee ni jabaate, haga yeroo ummata Israa'eelii titti muldhatee titti'llee, gammoojjii ni jiraate. Yeroo sanitti bulchiinsa Rooma'aa keessa namoonni jiran marrinuu akka laakayamaniif, nugusa Roomaa Awugusxosiin biraa ni labissaman. Laakkofssi ummataa ka jalqabaa kun'llee yeroo raawwatametti, Qerneewos bulchaa biyya Sooriya'aa ni ture. Kanaaf tokko tokkoon namaatuu maqaa isaa galmeesisiisu'uuf, gara biyya dhaloota isaa ni deema ture. Yooseef'llee dhaloota isaatiin fiixaa Daawiitii waan tureef, magaalaa Naazireetii ta biyya Galiila'aa titti argamittuu ka'ee, gara magaalaa Daawiitii ta biyya Yihuda'aa titti argamittuu, gara Bethliheemii ni deeme. Galmeefamu'uuf ka deeme'llee ulfoofttee ka turtte, qaadhimaa isaa Maariyaamiin woliin ture. Magaalaa Bethliheemii uduu jiran'llee, Maariyam yeroo dayinssa isi'ii ni gaye. Achitti'llee ilma isi'ii ka hangafaa ni deette, subbee ammataatiin'llee ni martteen, bakka bulttii keessummootaa'llee waan hin argatiniif, moonaa hori'ii bakka horiin itti nyaatan gongaa keessa, ni rafifitteen. Naannoo sanitti'llee raasa'atti halkan gobbuu horii isaanii eeggata'aa worri bulan, tissitoonni ni jiran ture. Kunoo, isaanitti maleeyikkaan Goofta'aa isaanitti ni muldhate, ifin ulfinna Gooftaan'llee naannoo isaanii titti ni ife, isaan'llee haalaan ni sodaatan, maleeyikichi garuu akkana isaaniin ni jedhe, «Hin sodaatinaa! Ummata maraaf gammachuu ol aanaa ka ta'u, oduu mishaa isiniif qabadhee dhufee jira, Kunoo, adha magaalaa Daawiitii titti Fayyisaan isiniif dhalatee jira, Inni'llee Gooftaa Kristos. Malikanni'llee kana, uffata ammataatiin daaima marame moonaa hori'ii gongaa irra ciisee ni arggataniin.» Dimmaa'llee maleyikkoonni baayi'een sami'ii maleyikkichaan woliin ni mulidhatan, Waaqa'llee galateeffachu'uun, «Sami'itti Waaqaaf ulfinni haa ta'u! ardditti'llee namoota Waaqinni jaalatu maraaf nageenni haa ta'u!» ni jedhan turan. Maleeyikkoonni'llee isaan irraa fooyamanii gara sami'ii yeroo bayanitti, tissitoonni ufii isaaniitii, «Eegaa gara Beetelihemii haa deeminnu, waan amma raawwatamee fi ka Gooftaan nuuf ibise'llee haa laalluu» woliin jedhan. Dadafaan deemanii Maariyaamii fi Yooseefiin ni argatan, daai'mnni'llee bakka itti nyaata hori'ii, gongaa keessa rafee arganiin. Daai'ma'llee eega arganiin duubatti waan maleyikkichi waayee isaaniif isaanitti hime, ni odeessan. Kana'llee ka dhagayan marrinuu waan tissitoonni isaanitti odeessaniin, ni maalaliffatan. Maariyaam garuu, waan kana maraa onnee isi'ii titti qabattee, ni yaaddi ture. Tissitoonni'llee, wonitti marrinuu akkuma maleyikkichi isaaniin jedhe ta'ee arguu isaaniitii fi dhagayuu isaaniitiin, Waaqa kabaja'aatii fi galateeffata'aa, gara bakka isaanii ni deebi'an. Guyyaa saddeetiin duubatti naamusa daai'mnni itti gadoomu irratti, maqaan isaa «Yesus» jedhamee ni waamame. Kun'llee uduma gadaamessaa haadhaa titti hin uumaminiin duranatti, maqaa maleyikkichi isaaf baase. Akkaataa seeraatiin, naamufnni qulqullaayinnaa yeroon itti raawwatamu ni gaye, kanaaf Maariyaamii fi Yooseef daai'micha Gooftaa durananitti dhiyeessu'uuf, gara Yerusaalemii qabatanii ni deeman. Kana'llee ka taasisaaniif seera Goofta'aatiin, «Dhiira ka ta'e ilmi hangafaa marrinuu, Goofta'aaf kennamee Qulqulluu ni ta'a» ajajinni jedhu, barreeffamee waan tureef. Akkuma kana seera Goofta'aatiin, «Daakiyyeewwan lamaa yookiin ilimoolee handari'ii lama, kitima'aaf dhiyeessuun ni mala» ajaja jedhutu ture. Yeroo sanitti Yerusaalemitti Simoon ka jedhamu nama tokkotu jira ture, inni'llee jireenna isaa Waaqaaf ka kenne nama qulqullaayome ture, fayyinna abddii Israa'eelii'llee ni eeggata ture, Hafuurri Qulqulluun'llee isa irra ni jira ture. Inni'llee Masihicha Gooftaa ta'e uduu hin argin akka hin duune Hafuurri Qulqulluun ibiseefii jira ture. Guyyaa san'llee Hafuurri Qulqulluun isa kakaaseeniiti gara Mana Waaqeffanna'aa ni dhaqe, Yooseefii fi Mariyaam'llee akkaataa seeraatiin waan baratame isaa raawwachu'uuf, daaima qabatanii gara Mana Waaqeffanna'aa yeroo aseenanitti, Simoon daaima irraa fudhee ni ammate, Waaqa'llee galatteeffachu'uun akkana ni jedhe, «Yaa Gooftaa! Kunoo, dubbiin naa kennite ka abddi'ii ka raawwatamee jira, eegaa amma ana tajaajilaa kee nagayaan ana geegessi, Fayyisuu kee ija kiyyaan argee jira, inni'llee ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne mara duranatti ka qopheessite, inni ummata Waaqa dhugaa titti hin amanneef ifa dhugaa muldhisu ni ta'a, ummata kee ka Israa'eliif ulfinna.» Yooseefii fi Maariyam'llee, waayee daai'maatiif waan jedhame maraanuu ni maalaliffatan ture. Simoon'llee eega isaan eebbiseen duubatti keessummaanuu haadha daai'maa Maariyaamiin akkana ni jedheen, «Kunoo! Daai'mnni kun Israa'eeliin keessatti baayi'eewwaniif ka badiinissaa, baayi'eewwaniif garuu sababaa fayyinnaa ni ta'a. Inni'llee mallattoo baayi'eewwan ufitti hin fudhanne ni ta'a. Kanaan'llee onnee baayi'eewwanii keessa ka jiru yaanni dhokataan ni mulidhata, onnee tantee'llee billoofnni gaddaa, baqassee ni dabrra.» Akkuma kana yeroo sanitti gosa worra Aseeriitii ka taate, Intaltti Faanu'elii ta Haannaa ta jedhamttu, nabiyyittiin takka ni jirtti turtte. Isiin'llee dubarttii umriin ufi durana deemtte ni turtte, abbaa worraa isi'ii woliin woggaa torba eega teetteen duubatti, abbaan worraa isi'ii jaalaa ni du'e, kanaan duubatti'llee umriin isi'ii woggaa saddeetamii afurii haga ta'utti, Mana Waaqeffanna'aatii uduu hin fooyamin halkanii fi guyyaa, soomaa fi kadhanna'aan Waaqa ni tajaajiltti turtte. Yeroo sanitti isiin'llee dhufittee Gooftaa galateeffachuu jala ni qabdde, waayee daai'maa'llee worra abddii fayyinna Yerusaalemii eeggatan marattuu, ni dubbatti ture. Naamusa seera Goofta'aatiin ajajame maraa eega raawwataniin duubatti, bakka jireenna isaanii gara Naazireetii titti ni deebi'aan. Daai'mnni'llee deebi'ee guddataatii fi jabaata'aa ni deeme, ogummaan'llee ka guuttame ni ta'e, kennaan Waaqaa ka bilisaa'llee isa woliin ni ture. Yooseefii fi Mariyaam wogga'aan ayyaana Faasiika'aatiif, gara Yerusaalemii ni deeman turan. Yesus'llee woggaa kudha lama yeroo ta'eentti'llee, akkuma baratame ayyaanicha ayyaaneffachu'uuf, ni deeman. Ayyanichi eega xumurameen duubatti isaan gara mana isaanii yoo deebi'an, Yesus Yerusaalemitti ni hafe, Yooseefii fi Mariyaam garuu achitti hafuu isaa hin beekinne turan. Araata woliin waan deemu isaanitti fakkaateeti, karaa guyyaa tokkoo uduu deeman ni oolan, saniin duubatti'llee firoota isaaniitii fi namoota isaan hin beekinne bira'llee isa soquu, jala ni qaban. Garuu isa argachu'uuf waan hin danda'iniif isa soqa'aa, gara Yerusaalemii ni deebi'an. Guyyaa sadihiin duubatti'llee Mana Waaqeffanna'aa titti ni argataniin, achitti'llee hayyoota jidduu taa'ee isaan yoo dhageeffatuu fi gaafii'llee isaanii ni dhiyeessa ture. Ka isa dhageeffatan marri'llee hubanna'aan isaatii fi deebii isaatiin, ni maalalffatan ture. Yooseefii fi Mariyaam'llee Mana Waaqeffanna'aa titti yeroo isa argganitti, ni maalalan, yeroo sanitti haati isaa, «Ilma kiyya maali'iif akkana nu taasfitte? Abbaan keetii fi ani'llee sarddaminnee, si soqa'aa turre,» jetteen. Yesus'llee, «Waayee maaliif ana barbaaddan? Ani Mana Abbaa kiyyaa keessa ta'uun akka naaf malu hin beekittanii moo?» isaaniin jedhe. Isaan garuu waan inni dubbate, hin hubanne. Kanaan duubatti'llee Yesus isaan woliin gara Naazireetii ni deeme, isaanii'llee ni ajajama ture, haati'llee waan kana maraa onnee isi'ii titti, ni qabatti ture. Yesus Waaqaa fi nama duranatti'llee ka jaalatame ta'ee, ogumma'aa fi hojja'aan'llee guddata'aa ni deema ture. Nugufnni Rooma'aa Xibaariyos nugusa ta'ee woggaa kudha shanaffaa titti, pheenxenaawichi philaaxos bulichaa arddii Yihuda'aa ni ture, Heerodis bulichaa biyya Galiila'aa ni ture, akkuma kana obboleessi isaa Filiphoos bulichaa biyya Ixuriyaasii fi xiraakonidoos, Liisanyoosii fi bulichaa Abileene'ee ni turan, Haanna'aa fi Qayyaafaan'llee qeesota Ol Aanttota ni turan, yeroo sanitti ilmi Zakaariyaasii Yohaannis gammoojjii uduu jiru, dubbiin Waaqaa gara isaa ni dhufe. Kanaaf Yohaannis, laga Yoordaanosii naannaya biyyoota jiran mara keessa dedeebi'a'aa, «Cubbuu keessaniif dhiifama akka argattaniif, gara Waaqaa deebi'aatii cuuphamaa» jedha'aa, ni barsiisa ture. Kun'llee ka ta'ee, nabiyyichi Isaayaas waayee Yohaannisiitiif durssee, akkana jechu'uun akkaatama barreesseen, «Kunoo! Kun gammoojji'itti akkana jedha'aa qoonqqa nama iyyuuti, ‹karaa Goofta'aa qopheessaa! xurree'llee sirreessaa! Bakkeen boolotaa marrinuu wol haa qixxaayu! gaaraa fi tulluun marri'llee gad haa jedhu! karaan dabaan'llee haa qajeelu! karaan nama quuqu'llee wol haa qixxaayu! Naminni marri'llee fayyisuu Waaqaa haa argu!› » Cuuphamu'uuf gara isaa ka dhufan ummata baayi'een Yohaannis akkana ni jedhaan ture, «Isin ilmaan bofa summi'ii! Dheekkamissa dhufu ka Waaqaa jalaa akka baataniif, eennutu ufi isin eeggachiise? Kana irra gara Waaqaa deebi'uu keessan hujii muldhisu hojjadhaa malee, nu'u ijoollee Abrahaamiiti jedha'aa onnee keessantti hin dhaadatinaa. Waaqinni dhagaayyii kanniin keessaa Abraahaamiif ijoollee kaasuu akka danda'u, isinitti ni hima. Amma garuu qottoon mukiin jala taa'ee jira. Kanaaf firii mishaa mukkiin hin daraarre marrinuu ni murama, gara ibiddaa titti'llee ni gatama.» Ummanni'llee, «Eegaa maal haa taasfnnu?» jechu'uun, Yohaannisiin ni gaafatan. Inni'llee, «Uffata lama ka qabu tokko ka hin qabnneef haa kennu, ka waan nyaataa qabu'llee ka bira'aatiif haa qoodu,» isaaniin jedhe. Worri qaraacotaa'llee cuuphamu'uuf gara isaa dhufanii, «Yaa barsiisaa! Nu hoo maal haa taasfnnu?» jedhanii ni gaafataniin. Inni'llee, «Waan seeraan ajajamittan caalichifttanii, hin gaafatinaa» isaaniin jedhe. Lolttoonni'llee dhufanii, «Nu'u hoo maal haa taasfnnu» ni jedhaniin, Inni'llee, «Qabeenna namaa akka male'een saamittanii hin fudhatinaa, eennuun'llee dharaan hin himatinaanii, mindaan keessan isin haa gayu» isaaniin jedhe. Bara sanitti ummanni marrinuu dhufaatii Masihichaa abddi'iin ni eeggata ture, kanaaf Yohaannisiin, «Naminni kun yookiin Masihicha ta'aa laata?» jedha'aa, onnee isaanii titti ni yaadan. Yohaannis garuu isaan maraanuu akkana ni jedhe, «Ani bishaaniin isin ni cuupha, garuu ka bira'aa ka ana irra jabaa ta'e ni dhufa, ani hidhaanuma kophee isaa'llee hiiku'uuf ka gayee miti, inni Hafuura Qulqullu'uu fi ibiddaan isin ni cuupha. Inni'llee ooddii irratti midhaan ibbiqiin adda baasu'uuf manshii harka isaa titti qabatee jira, eega qulqulleesseen duubatti'llee midhaan mishaa gootaraa isaa titti ni galcha, ibbiqiin isaa garuu ibidda hin dhaaminneen ni guba.» Akkuma kana Yohaannis karaa adda addaatiin ummata gorssa'aa, odduu misha'aa'llee ni lallaba ture. Bulchaa Galiila'aa Heerodis garuu, haadha worraa obboleessa isaa Filiphosii Heerodiyaasiin fuudhuu isaatii fi ka bira'aa'llee waan hamaa baayi'ee raawwachuu isaatiin, itti ni baanate. Heerodis hammeenna irratti hameenna dabalu'uun, Yohaannisiin gara mana hidha'aa titti, ni galcheen. Namoonni marrinuu eega cuuphamaniin duubatti, Yesus'llee ni cuuphame, uduma inni kadhata'aa jiru'llee samiin ni banamtte, Hafuurri Qulqulluun'llee fakkeenna handari'iitiin dhufee isaa irratti ni bu'e, Yeroma sanitti «Ati ilma kiyya ka ani jaaladhuu fi, sitti gammadu» qooniqqi jedhu, sami'ii ni dhufe. Yesus hujii isaa ka barsiisu'uu jala yoo qabu, umriin isaa haga woggaa soddoma ta'ee jira ture, ummataaf'llee Yesus ilma Yooseefii isaanitti ni fakkaata ture, kun'llee Yooseef ilma Eli'ii, Eliin lima Maati, Maati ilma Leewii, Leewiin ilma Milkii, Milkiin ilma Yoona'aa, Yoonaan ilma Yooseef, Yooseef ilma Maatatyaas, Maatatyuun ilma Amos, Amos ilma Naahomii, Naahom ilma Eesiliim, Eesliim ilma Naagee, Naageen ilma Maa'atii, Maa'at'llee ilma Maatatyaas, Maatatyaas'llee ilma Seemeyii, Seemeyi'llee ilma Yooseefii, Yooseef'llee ilma Yooda'aa, Yoodaan ilma Yoonaan, Yoonaan ilma Rees, Rees ilma Zarubaabel, Zarubaabel ilma Saalaatiyaal, Saalaatiyaal ilma Neerii, Neer ilma Miliikii, Miliikii ilmi Haad, Haad ilma Qosam, Qosam ilma Eelmodam, Eelmodam ilma Eeer, Eeer ilma Yoose'ii, Yoosee'i ilma Eli'azaarii, Eli'azaar ilma Yoraam, Yooraam ilma Maaxaat, Maaxaat ilma Leewi'ii, Leewiin ilma Simoon, Simoon ilma Yihudaa, Yihudaan ilma Yooseef, Yooseef ilma Yoona'aa, Yoonaan ilma Eliyaaqeem, Eliynaaqeem ilma Meeliyaa, Meeliyaan ilma Mayinaan, Mayinaan ilmi Maaxaat, Maaxaat ilma Naatan, Naatan ilma Daawiitii, Daawit ilma Iseyii, Isey ilma Iyyobeedii, Iyyobeed ilma Boeezii, Boeez ilma Salamoon, Salamoon ilma Na'hasonii, Na'hason ilma Aminaadaab, Aminaadaab ilma Raamii, Raam ilma Aarnnii, Aarnnii ilma Hesronii, Hesron ilma Faares, Faares ilma Yihudaa, Yihudaan ilma Yaaqoobii, Yaaqoobii ilma Yishaaq, Yishaaq ilma Abrahaamii, Abrahaamii'llee ilma Taaraa, Taaraan ilma Naakor, Nakoor ilma Seruug, Seruug ilma Reuu, Reuu ilma Feleq, Feleq ilma Abeer, Abeer ilma Shelaah, Shelaah ilma Qaayinaam, Qaayinaam ilma Aarfaakisid, Aarfaakisid ilma Seem, Seem ilma Nohi, Nohi ilma Laamehii, Laamehii ilma Maatusaalaa, Maatusaalaan ilma Heenok, Heenok ilma Yaared, Yaared ilma Malali'eelii, Malali'eel ilma Qaayinaan, Qaayinaanii fi ilma Enosiiti, Enos ilma Seetii, Seet ilma Addaamiiti, Addaam ilma Waaqaati, jedhan ture. Yesus Hafuura Qulqullu'uun guutamee laga Yoordaanosiitii ni deebi'e, achiin duubatti'llee Hafuura Qulqullu'uun eemaramee gara lafa gammoojji'ii ni deeme. Achitti'llee guyyaa afurtamaa sheexanaan ni qormaatame, guyyoota sanniinitti'llee womaayyuu waan hin nyaatiniif, muumme'etti ni beelaye. Sheexanni'llee Yesusiin, «Ilma Waaqaa yoo taate, mee dhagaa kana buddeena akka ta'u ajajaji!» jedheen. Yesus'llee, «Naminni buddeena qofaan hin jiraatu, Jedhamee barreeffamee jira» jechu'uun, ni deebiseef. Kanaan duubatti'llee sheexanni Yesusiin gara bakka ol aanaa tokkoo ol baaseenii, motummoota biyya lafaa mara haga limsataa titti itti ni mulidhise. «Aangoo kana maraa fi ulfinna'llee si'iif ni kenna, kun marrinuu anaaf ka kenname waan ta'eef, ka barbaadee kennu'uuf ni danda'a, kanaaf ati anaaf yoo sagadde, kun marrinuu kee ni ta'a» jedheen. Yesus'llee, «Waaqa Gooftaa kee qofaaf sagadi! Isuma qofa'llee Waaqeffadhu! Jedhamee barreeffamee jira» jechu'uun ni deebiseef. Saniin duubatti'llee sheexanni Yesusiin gara Yerusaalemii ni fideen, baaxii Mana Waaqeffanna'aa irra akka dhaabatu isa taasisee, akkana'llee ni jedheen, «Ati Ilma Waaqaa yoo taate, mee asi gad utaali bu'i, ‹Akka si eeganiif Waaqinni maleyikkoota isaa si'iif ni ajaja, miilli kee'llee dhaga'aan akka hin gufanneef, harka isaaniitiin irkisanii si ni qaban› jedhamee, barreeffamee jiraatii» jedheen. Yesus'llee, «Waaqa Gooftaa kee ‹hin qormaatniin› jedhamee barreeffamee jira» jechu'uun, ni deebiseef. Sheexanni'llee Yesusiin qormaatuu eega xumureen duubatti, yero'oof dhiiseenii ni lixe. Yesus'llee huminna Hafuura Qulqullu'uutiin guuttamee gara Galiila'aa ni deebi'e, Maqaan isaa'llee gara biyyoota naannoo jiranii maratti, ni dhagayame. Bakka woligayii isaanii titti'llee ni barsiisa ture, marinuu barsiisa isaatiin ni galateefataniin. Kanaan duubatti'llee Yesus gara biyya itti guddatee gara Naazireetii ni deeme, akkuma aadaa isaa'llee guyyaa Sanbbataatiin gara bakka wolgayii isaanii ni aseene, kitaabcha dubbisu'uuf'llee ni ka'e, Kitaabnni nabiyyicha Isaayaasii ni kennameef, kitaabcha'llee yeroo bannetti, akkana jedhamee bakka itti barreeffame ni argate, «Hafuurri Goofta'aa ana irra ni jira, oduu mishaa hiyyeesota titti akka lallabu, ana muudee jira, worra hidhamaniif hiikkamuu, worra jaamaniif arggiinssa, akka labissuu fi worra sarddaman'llee bilisa akka baasuuf ana ergee jira, Akkuma kana Gooftaan ummata isaa ka ittiin fayyisu, woggaa kennaa isaa ka bilisaa, akka beekisisuuf ana ergee jira.» Yesus kitaabcha wolitti cabbisee keessummeessa'atti kenneeti ni taa'e, worri bakka wolgayii isaanii turan marrinuu, guuttatanii gara isaa laaluu jala ni qaban, Inni'llee, «Kunoo! ka amma yoo dubbifamu dhageettan dubbiin kitaaba Qulqullu'uu kun, adha ni raawwatame» isaaniin ni jedhe. Waayee isaa marrinuu waan mishaa ni dubbatan ture, dubbii inni dubbatu ta kennaa bilisaatiin guuttamtteen maalalffatanii, «Kun ilma Yooseefiitii mitii?» jedhan. Yesus akkana isaaniin ni jedhe, « ‹Ati ogeessa fayya'aa nana, mee mataa kee fayyisi› fakkeenna jedhu, akka naaf tuxxan sirri'itti beeka, akkuma kana, ‹Qifrnaahoomtti raawwattee jirta yoo jedhan ka dhageenne mara biyya keetitti raawwadhu!› naan ni jettan. «Dhugamaan isiniin ni jedha, nabiyyiin namoota biyya isaa biratti hin kabajamu.» «Ana dhageeffadhaa dhugaa jiru isinitti haa himuu, bara nabiyyicha Eliyaasii titti woggaa sadihii fi ji'a jahaa roobnni roobuu dhabuu isaatiin, biyya marattuu beelli cimaan ta'ee ture, yeroo san biyya Israa'eelii titti abbaan worraa isaanii ka irraa du'an dubarttoonni baayi'een, ni turan. Garuu Eliyaas, biyya Sidoonaa ganda Saraaphitaa jedhamtuu titti gara ta argamittuu, gara dubarttii abbaan worraa isi'ii jalaa du'e takkaa ergamee deeme malee, gara bira'aa gara eennuu'llee, hin ergaminne. Akkuma kana yeroo nabiyyicha Elsaa'ii titti, waashayonni baayi'een biyya Israa'eelii ni jiran turan, garuu Sooriyaawicha Ni'imaaniin malee, saniin keessaa tokkochummaan'llee, hin fayyine.» Bakka woligayii isaanii worri jiran marri'llee kana yeroo dhagayanitti, haalaan ni dallanan. Ka'anii'llee Yesusiin harkisanii magaala'aan ala ni baasaniin, gara qile'ee'llee dhiibanii darbbu'uunii barbaadanii, gara tulluu magaalaan isaanii itti ijaaramttee, maddii irra ni fidaniin. Inni garuu jidduma isaaniitiin dabrree ni deeme. Kanaan duubatti'llee, Yesus gara magaalaa arddii Galiila'aa titti argamittuu, gara Qifirnnaahoomii ni dhaqe, achitti'llee ummata guyyaa Sanbbataatiin ni barsiisa ture. Dubbii aangoo qabuun'llee ni dubbata waan tureef, marrinuu barsiisa isaatiin ni baaseffatan ture. Achcitti'llee bakka woligayii isaanii sanitti, namicha hafuurri battiin irra bule tokkotu jira ture, inni'llee qooniqqa ol aana'aan akkana jedha'aa ni iyye, «Yaa Yesusii Naazireetii! Ati nu'uun woliin dhimma maal qabdda? Nu balleessu'uuf dhufitte moo? Ati eennuun akka taate ani ni beeka, ati Qulqulluu Waaqaati» jedheen. Yesus'llee hafuura batti'iin, «Caldhisii isa keessaa bayi!» jechu'uun, itti ni baanate, hafuura battiin'llee namicha ummata duranatti kuffiseeniiti uduu womaa hin miidhiniin, ni baye. Marrinuu maalalffachu'uun ufii isaaniitii, «Kun dubbii attamiitii? Aangoo fi huminnaan hafuurota battii ni ajaja, isaan'llee ajajamanii ni bayan» woliin jedhan. Maqaan Yesus'llee naannoo biyya sanii maratti ni dhagayame. Yesus'llee bakka woligayii isaanii sanii ka'ee gara mana Simoonii ni deeme, achitti'llee sodaatiin Simoonii dhukkuba oo'a qaamaatiin haalaan dhukubbisattee ciifttee turtte, kanaaf akka isii fayyisuu Yesusiin ni kadhataniin. Yesus'llee gara isi'ii dhiyaatee isii bira dhaabateeti akka oo'i qaamaa isii gad dhiisuuf ni ajaje, oo'i qaamaa'llee gad ni dhiiseen, bakkumatti kaatee isaan keessummeesuu jala qabdde. Aduun yoo aseenttu namoonni dhibee adda addaatiin namoota qabaman dhukkubsattoota mara gara Yesusii ni fidan, inni'llee tokko tokkoon isaanii irra harka isaa kaayu'uun, isaan ni fayyise. Jinniiwwan'llee, «Ati Ilma Waaqaati!» jedha'aa iyyu'uun, namoota baayi'ee gad dhiisa'aa ni bayan ture, inni Masihicha ta'uu isaa'llee beekaniinii turan. Yesus garuu waayee isaa womaayuu akka hin dubbanneef isaanitti baanachu'uun, isaan ni dhoogga ture. Yeroo bari'etti'llee Yesus achii bayee gara bakka naminni hin jirree gara bakka udume'ee tokko ni deeme, namoonni'llee ni barbaadaniin turan, yeroo argataniintti'llee, «Nurraa hin deemin jedhanii!» ni kadhataniin. Inni garuu, «Ani ka ergame kanaaf waan ta'eef, gara magaalota kaaniinii'llee deemee, oduu dubbii Gammachuu Mootummaa Waaqaa himu'uttu narraa mala» isaaniin jedhe. Kanaaf bakka wolgayii Yihudotaa mara keessa dedeebi'aa, ni lallaba ture. Guyyaa tokko Yesus garba ciisaa Geensaareexii bira dhaabatee uduu jiru namoonni baayi'een gara isaa dhiyaatanii, dubbii Waaqaa dhagayu'uuf wol ni hacuucan ture. Inni'llee gara hundda garba ciisa'aa biratti dhiyaatanii ka dhaabatan, hoboloowwan lamaa ni arge, qurxummii qabddoonni garuu hoboloowwan irraa bu'anii, tabbaarriiwwan isaanii ni miican ture. Yesus'llee hoboloowwan keessaa gara takkati'ii gara ka Simoonii taatee irra ni baye. Simooniin'llee, «Hoboloo kana arddii lafa gara garba ciisa'aa muraasa naa hiissi mee!» ni jedheen. Kanaan duubatti'llee hoboloo irra taa'ee, ummata barsiisuu, jala ni qabe. Haasaya isaa eega xumureen duubatti'llee Simooniin, «Hoboloo gara garba ciisaa gad fago'oo achi fageessii atii fi waaheloonni kee qurxummii qabu'uuf, tabbaarrii keessan darbadhaa» jedheen. Simoon'llee, «Yaa barsiisaa! Halkan guutuu dadhaba'aa bullee womaayyuu hin qabnne, ati eega jette garuu kunoo! Tabbaarrii ni darbanna» jedheen. Tabbaarrii'llee yeroo darbatanitti haga tabbaarriin tarsa'utti, qurxummii haalaan baayi'e'ee ni qaban. Kanaaf waaheloota isaanii ka hoboloo bira'aa irra turan dhufanii akka isaan gargaaraniif ijaan isaan ni waaman, isaan'llee dhufanii haga hoboloowwan lamaan liqimfamu'uuf muraafnni isaan hafutti, qurxummi'iin isaan ni guutan. Simoon Phexiros'llee kana yeroo argetti Yesusiin duranatti jilbbiiffatee, «Yaa Gooftaa, ani cubbamaa waan ta'eef gara kiyya hin dhiyaatin!» jedheen. Kana'llee wonitti jedheef, isaa fi waaheloonni isa woliin turan marrinuu baayi'inna qurxummii qabanii irraa kan ka'een, haalaan malalffatanii waan turaniif. Akkanuma kana waahellan Simoonii ka ta'an ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis'llee, maalalffatanii turan. Yesus'llee Simooniin, «Jabaadhu hin sodaatin, ammaa achitti ka namoota wolitti qabddu ni taata» jedheen. Isaan'llee hoboloowwan gara arddi'ii titti eega dhiyeessaniin duubatti, waan maraa dhiisanii horddofttoota Yesusii ni ta'an. Guyyaa tokko Yesus magaalaa takka keessa uduu jiru, namichi qaama isaa waashayinni fudhateen tokko gara isaa ni dhufe, inni'llee Yesusiin yeroo argetti kallacha isaatiin gonbbifamee yaa Gooftaa, «Yoo eeyyamtte ana fayyisu'uuf ni dandeetta» jechu'uun, ni kadhateen. Yesus'llee harka isaa hiixatee qaqabeeniiti, «Eeyyamee jiraa fayyi!» jedheen. Namichi'llee bakkumatti waashayinna isaa irraa ni fayye. Itti aanssee'llee Yesus akkana jechu'uun ni ajajeen, «Waan kana eennutti'llee hin dubbatin, garuu qajeelii deemiitii mataa kee qeesichatti mulidhis, ummataaf'llee ragaa akka ta'uuf, waayee fayyuu keetiitiif kitimaa Museen ajaje dhiyeessi» jedheen. Maqaan Yesusii garuu yeroo kamiin caala'attuu ni dhagayame, namoonni baayi'een'llee waan inni jedhu dhagayuu fi dhibee isaanii irraa fayyu'uuf'llee barbaadanii, wol ni gayan turan. Inni garuu yeroma mara adda isaa gara gammoojji'ii deema'aa, ni kadhata ture. Guyyaa tokko Yesus uduma barsiisa'aa jiru worri Farisootaatii fi barsiisonni seeraa'llee isa bira ta'anii jiran ture, isaan'llee Galiila'aatii fi gandoota Yihuda'aa maraa, akkuma kana magaalaa Yerusaalemiitii'llee ka dhufan ni jiran ture. Yesus dhukkubsatoota ka ittiin fayyisu humnniti Goofta'aa, isaan woliin ni jira ture. Kunoo, namoonni namicha naafayaa tokko sire'een baadhatan gara Yesusii ni dhufan, gara mana Yesus jiruu'llee aseensisanii isa durana kaayuuf'llee, barbaadanii turan, garuu baayi'inna ummataa irraa kan ka'een namicha naafayaa gara manaa aseensisuu ni dadhaban, kanaaf gara baaxii manaa irra qabataniinii ni bayan, baaxii manaa'llee bananii jiddu'uun gad buusanii, namicha naafayaa siree isaa woliin Yesusiin durana ni kaayaniin. Yesus amantii isaanii yeroo argetti naafttichaan, «Nama nana! Cubbuun kee siif dhabamisiifamee jira» jedheen. Barsiisonni seeraatii fi Farisonni, «Waaqa irratti dubbii arrabaa ka dubbatu kun eennu? Cubbuu dhabamisiisuu ka danda'u Ilma Waaqa qofa malee ka bira'aa eennu?» jedha'aa ni yaadan turan. Yesus'llee yaada isaanii beekee akkana isaaniin ni jedhe, «Onnee keessantti maali'iif kana yaaddan? Haa ta'u malee, ‹cubbuun kee siif dhiifamee jira› jechuu irraa fi ‹ka'iitii deemi!› jechuu, kamittu irra danda'ama? Garuu Ilmi Namaa arddii irratti cubbuu dhabamisiisu'uuf aangoo akka qabu beekuu ni qabddan!» jedhee namicha naafttichaan, «Nama nana ka'i, siree kee baadhuutii gara mana keetii deemi!» jedheen. Naafttichi'llee namoota duranatti bakkumatti ka'eeti, siree irra rafee ture baadhatee, Waaqa galateeffata'aa gara mana isaa ni deeme. Namoonni achi turan marrinuu haalaan maalalffatanii, sodaachu'uun, «Adha waan maalale'ee ni argine» jedha'aa, Waaqa ni galateeffatan. Kanaan duubatti Yesus achii bayee yoo deemu, qaraacichi Leewii jedhamu, bakka qaraxa itti fuudhan taa'ee argeeniiti, «Ana horddof!» jedheen. Leewiin'llee ol ka'ee, waan maraa dhiisee ni horddofeen. Kanaan duubatti Leewiin mana isaa titti ulfinna Yesusiitiif afeerrii guddaa ni qopheesse, afeerrii irratti'llee worri qaraxan baayi'e'niif kuunniin'llee namoonni baayi'een, argamanii turan. Fariisootaa fi worra isaanii ka ta'an barsiisonni seeraa, «Worri qaraacotaatii fi worri cubbamootaan woliin nyaattanii fi dhugiddan waayee maali'iitiif?» jedhanii, barattoota Yesusii irratti ni guunguman. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Dhukkubsattoota malee, fayyaaleyyiin ogeessa fayya'aa isaan hin barbaachisu, ani ka dhufeef cubbamoota gara dhiifama titti waamu'uuf malee, worra qulqullaayota waamu'uufii miti.» Namoonni tokko tokko Yesusiin, «Ergamittoonni Yohaannisiitii fi Fariisotaa yeroo baayi'ee ni sooman, ni kadhatan'lle'e, ergamittoonni keessan garuu yeroo maraa ka nyaatanii fi ka dhugan maali'iif?» jechu'uun, ni gaafataniin. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Ka fuudhu uduu isaan woliin jiru, jaalonni soomuu ni qaban jettanii ni yaaddanii ree? «Garuu yeroon ka fuudhu isaan biraa itti fudhatamu ni dhufa, yeroo sanitti ni sooman.» «Itti'llee aanssee Yesus, akkana jechu'uun fakkeenna tokko isaanitti ni hime, subbee uffata haarawaa uffata moofaa irratti ka hodhu eennu'llee hin jiru, kana yoo raawwate garuu uffata haarawa ni tarsaasaan, subbeen haarofnni uffata moofa'aan wolii hin gallu, akkuma kana qalqala moofe ka daadhii woyinni'ii titti daadhii woyinni'ii haarawa ka kaayu eennu'llee hin jiru, yoo raawwate garuu daadhiin haarofnni woyinni'ii qalqala ni dhoosa, daadhiin woyinnii'llee ni jiga, qalqalli'llee faayidda'aan ala ni ta'a. Kanaaf daadhii woyinni'ii haarawa qalqala haarawatti kaayuun ni mala, Yeroo baayi'ee ka ture daadhii woyinni'ii gogeettii ka dhuge, daadhii woyinni'ii ta hin gogin dhugu'uuf hin barbaadu, ‹daadhiin woyinni'ii ka ture, ka irra woyyaa qabu› ni jedhaa.» Guyyaa Sanbbataatiin Yesus oorruu qonnaa keessaan uduma dabrra'aa jiru, barattoonni isaa asheeta qamadii mura'aa, harkatti sukuuma'aa nyaachuu jala ni qaban, Fariisota keessaa tokko tokko barattoota isaatiin, «Guyyaa Sanbbataatiin raawwatamuu waan hin malle, maali'iif raawwattan?» isaaniin jedhan. Yesus'llee akkana jedhu'uun isaaniif ni deebise, «Isaaf namoonni isaan woliin turan'llee yeroo beelayanitti, Waan Daawiiti raawwate isin hin dubbiffine moo? Inni'llee gara Mana Waaqaa aseenee, qeesota malee kaanniniif akka nyaatan ka hin eeyyamin, hibsttii qulqullaayome ka furddaa fuudhee ni nyaate, namoota isa woliin ni jiran turaniif'llee ni kenne.» Itti aansee'llee Yesus, «Ilmi Namaa Sanbbataaf'llee Gooftaa isaati» isaaniin jedhe. Guyyaa Sanbbata bira'aa titti'llee Yesus gara bakka woligayii isaanii aseenee ni barsiisa ture, achitti'llee namicha harki isaa ka mirgaa naafa ta'e tokkotu jira ture. Barsiisonni seeraatii fi Fariisonni'llee yakka Yesusiin ittiin himatan argachu'uuf barbaadanii, «Guyyaa Sanbbataatiin ka isa fayyisuun yoo ta'e mee haa laalluu» jedhanii, ni eeggatan ture. Yesus garuu yaada isaanii beekee namicha harka naafaatiin, «Ka'iitii jidduu dhaabadhu!» jedheen, naafttichi'llee ka'eeti, jidduu ni dhaabate. Yeroo kanatti Yesus, «Mee isin haa gaafadhuu, haa ta'u malee guyyaa Sanbbataatiin ka eeyyamamee waan mishaa raawwachu'u moo? yookiin waan hama'a? lubbuu baasu'u moo yookiin balleesu'u?» isaaniin jedhe. Yesus gara namoota naannoo isaa jiran maraa eega laaleen duubatti namicha harka naafttichaatiin, «Harka kee diiririssi!» jedheen. Inni'llee harka isaa yoo diriirssetti, ni fayyeef, akka harka kaanii'llee ni ta'eef. Barsiisonni seeraatii fi Farisonni garuu haalaan dallananii, Yesusiin irratti maal raawwachuu akka qaban, ni mari'atan. Guyyaa tokko Yesus kadhachu'uuf gara gaaraa ni baye, achitti'llee halkan guutuu gara Waaqaa kadhata'aa ni bule. Yeroo bari'etti'llee barattoota isaa gara isaa ni waame, isaan keessaa'llee kudha lamaan filatee, «Ergamittoota» jedhee, isaan ni moggaase, Isaan'llee itti aananii worra argaman ture, Phexiros jedhee ka moggaaseen, Simoonii fi obboleessa isaa Indriyaas, Yaaqoobii fi Yohaannisiin, Filiphosii fi Bartolomewos, Maatewosii fi Toomaas, ilma Alfewosii Yaaqoobii fi «Hinaaftticha» jedhamee, ka waamamu Simooniin, Ilma Yaaqoobii Yihuda'aa fi Yesusiin dabarssee ka kenne, Yihudaa Asiqoroticha. Yesus ergamittoota isaa woliin gaara irraa bu'ee raasaa irra ni dhaabate, barattoota isaa keessaa'llee baayi'eewwan achi ni turan, akkuma kana isa dhageeffachu'uu fi dhukkuba isaanii irraa'llee fayyu'uuf barbaadanii ka dhufan, ummanni haalaan baayi'e'ee ni turan. Isaan'llee ka dhufan arddii Yihuda'aatii magaalaa Yerusaalemiitii, garba ciisaa biratti ka argaman, magaalota Xiiroosiitii fi Sidoonaaitti turan. Hafuurota batti'iin qabamanii ni jeeqaman namoonni turan'llee dhufanii, ni fayyaniiyyu ture. Huminni fayyisuu isa keessaa baya'aa maraa ni fayyisa waan tureef, namoonni wol gayan marrinuu Yesusiin tuqu'uuf, ni barbaadan ture. Yesus'llee ol jedhee gara barattoota isaa laala'aa akkana isaaniin jedhe, Mootummaan Waaqaa teessaniitii, isin hiyyeesonni ka eebbifamittan! Isin amma worri beelofttan, maa'ii ni quufttaniitii ka eebbifamittan! isin amma worri boottan, maa'ii waan kolftaniif ka eebbifamittan! «Sababaa ana ilma namaatiin namoonni yoo isin jibbanii, isin yoo fooyan, isin yoo xureessanii fi maqaa keessan yoo balleessan'llee, isin ka eebbifamittan! « Sami'itti gatiin keessan gudda'aatii kun marrinuu isin irra yoo gaye, isin ka eebbifamittan! Fandalalaa, abbootiin keessan ka duraanii'llee nabiyyoota irratti, hammeenna akkanaa kana isaan irratti raawwatanii jiran turan.» «Isin durreeyyiin garuu, mijaayinna keessaniif waan ta'u maraa, amma argattanii jirttaniitii, Isinii uunsha'a! Isin amma worri quufttan, maa'ii ni beelofttaniitii, isinii uunsha'a! isin worri amma kolftan, maa'ii waan gadditanii fi waan boottaniif, isinii uunsha'a! «Namoonni marrinuu waayee keessan mishaa yoo dubbatan, isinii uunsha'a! Abbootiin keessan'llee nabiyyoota dharaatiif, akkuma kana taasisanii turan.» Isin worra ana jalaa dhagayuuf garuu akkana isiniin ni jedha, diinota keessan jaaladhaa, worra isin jibbuuf'llee waan mishaa isaaniif raawwadhaa, worra isin abaaran eebbisaa, worra isin miidhaniif'llee kadhadha'aafii, boqoo kee tokko dhabanaassa'aan ka si dhayuuf, boqoo kee ka bira'aa'llee akka dhayu garagalichiif, Waaqaa kee ka sirraa fudhatuuf, kittaa kee dabalii kenniif, ka si kadhatu maraafuu kenni, qabeenna kee nama si irraa fudhatuuf, akka si deebisuuf hin gaafatin. Namoonni isiniif akka raawwataniif waan barbaaddan, isin'llee akkuma kana isaaniif raawwadhaa. Worruma isin jaalatan yoo jaalattan caalimaya maal argattan! Cubbamoonni'llee worra isaan jaalatan ni jaalatan, Waan mishaa worra isinii raawwataniif isin'llee waan mishaa isaaniif yoo raawwattan, caalimaya maal argattan! Cubbamoonni'llee akkuma kana ni raawwatan, harka nuuf deebisan jettanii namoota yaaddaniif yoo liqeessitan caalimaya maal argattan? Kama liqeessitan san deebifittanii fudhachu'uuf ammoo, cubbamoonnin'llee cubbamootaaf ni liqeessan. Isin garuu diinota keessan jaaladhaa! Waan mishaa'llee isaaniif raawwadhaa, harka keenna nutti fakkaata jettanii abddii uduu hin taasisin liqeessaa, kana yoo taasfttan gatiin keessan guddaa ni ta'a, ijoollee Waaqa Jiraata'aa'llee ni taatan, inni worra galata dhabeeyyi'ii fi hamaaleyyi'iif'llee uduu hin hafin arjja'a. «Abbaan keessan ka sami'ii dhiifama taasisaa akkuma ta'e, isin'llee akkuma kana dhiifama taasfttoota ta'aa.» «Eennuun irratti'llee hin murtteesinaa, isin irratti'llee hin murteeffamu, kaanniin hin ashinaa, isin'llee hin ashamittan, dhiifama taasisaa, isiniif'llee dhiifama ni taasfama, kenna, isiniif'llee ni kennama, safarttuma ittiin safarttaniin akkuma kana isiniif'llee ni safarama, gonkumaa safarttuu misha'aan gad qabameetii fi gad tumamee, haga irraa hafutti safaramee, isiniif ni kennama.» Itti aansee'llee Yesus fakkeenna kana isaanitti ni hime, «Jaamaan jaamaa eemaru'uuf ni danda'aa ree? Akka kana yoo raawwate ammoo lamaanuu wol qabatanii, boolla keessatti ni kufan. Barataan barsiisaa isaa hin caalu, haa ta'u malee barataan barnnoota isaa haalaan yoo barate, akka barsiisaa isaa ni ta'a.» «Gudeelcha ija tee keessa jiru uduu hin argin, waayee maali'iitiif huuba ija obboleessa keetii keessa jiru laaltta? Akkuma kana guddeelcha ija kee keessa jiru uduu hin argin obboleessa keetiin, ‹yaa obboleessa kiyya, mee huuba ija tee keessa jiru si haa baasuu› jechu'uu attamitti dandeetta? Ati yaa fakkeessaa nana, durssiitii guddeelcha ija kee keessa jiru baasi, kanaan duubatti huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasu'uuf, qulqulleesitee laalu'uuf ni dandeetta.» Mukinni mishaan firii badaa hin daraaru, akkuma kana mukinni badaan'llee firii mishaa hin daraaru. Mukinni marrinuu firii isaatiin ni beekkama, qoree irraa firiin harbbu'uu hin guuramu, akkuma kana ximirroo qore'ee irraa firiin woyinni'ii hin guuramu. Kanaaf naminni mishaan onnee isaa mishaa irraa, waan mishaa ni baasa, naminni hamaan'llee onnee isaa hamaa irraa waan hamaa ni baasa. Naminni ka afaan isaatiin dubbatu waanuma onnee isaa guutee irraa hafe. «Waan ani isinitti himu hin raawwattan, eegaa, waayee maali'itiif yaa Gooftaa! Yaa Gooftaa! Jedha'aa ana waamitan? Gara kiyya ka dhufuu fi dubbii kiyya'llee dhagayee ka raawwatu, eennuun akka fakkaatu isinitti haa himuu, inni'llee gad fageennaan qotee mana isaa siidaa dhagaa jaba'aa irratti, mana hunddeefamee fakkaata, lolaan bishaanii'llee dhufee mana san ni dhiibe, garuu hunddee jabaa irratti waan ijaarameef, sochoosu'uunii hin dandeenne. Dubbii kiyya dhagayee ka hin raawwanne garuu, hunddee mana isaa biyyee irratti nama ijaare fakkaata, lolaan bishaanii dhufee mana san yeroo dhiibeen bakkumatti ni kufe, kufaatiin isaa'llee haalaan ol aanaa ni ta'e.» Yesus kana maraa ummatatti dubbatee eega xumureen duubatti, gara Qifirnaahoomii ni deeme. Achi'llee ajajaa dhibbaa ka worra Rooma'aa tokko ni jira ture, inni'llee tajaajilaan jaaladhu haalaan jalaa dhukkubsatee du'aaf dhiyaatee jira ture. Ajajaan dhibaa'llee waayee Yesusii yeroo dhagayetti, jaarsota worra Yihudotaatiin, «Yabo'oo Yesus dhufee tajajilaa kiyya akka naa fayyisu deema'aatii naaf kadhadhaa» jechu'uun, isaan ni erge. Isaan'llee gara Yesusii dhaqanii, «Kana isaa raawwachu'uuf nama malu, Inni ummata keenna ni jaalata, bakka woligayii'llee nuuf hojjatee jira» jechu'uun, cimssanii ni kadhataniin. Kanaaf Yesus isaan woliin ni deeme, gara manaa'llee yeroo dhiyaatanitti ajajaan dhibbaa waaheloota isaa akkana jechu'uun gara Yesusii ni erge, «Yaa Gooftaa, ati gara mana kiyyaa aseentu'uuf ka hin malin waan ta'eef, gara mana kiyyaa dhufu'uuf hin dadhabbiin. Ani mataan kiyyaa gara kee dhufu'uuf nama gayee miti. Kanaaf ati achuma ta'iitii dubbii tokko dubbadhu, tajaajilaan kiyya'llee ni fayya. Ani mataan kiyyaa itti gaafatamoota kiyyaaf ajajamaa yoo ta'u, anaa gaditti lolttoota ajaju ni qaba. Kanaaf tokkoon ‹deemi!› yoo jedhuun ni deema, kaaniin ‹koottu!› yoo jedhuun ni dhufa, tajaajilaa kiyyaan'llee, ‹kana raawwadhu!› yoo jedhuun ni raawwata.» Yesus kana yeroo dhagayetti ni maalalffate, gara namoota isa horddofanii'llee gara galee, «Israa'eeliin keessattuu amantii akkana gonkumaa hin arganne, isiniin jedha» isaaniin jedhe. Namoonni ergaman'llee gara mana ajajaa dhibbaa deebi'anii yeroo dhufanitti, tajaajilaan fayyee ni argataniin. Guyyaa itti aanutti Yesus gara magaalaa Naayin jedhamtuu takkaa ni deeme, barattoonni isaatii fi ummanni baayi'een'llee isa woliin ni deeman, Yesus gara balbala magaalaa biraa yeroo gayutti kunoo, namoonni reeffa baadhatanii magaalatti'ii ni bayan ture, naminni du'e'llee haadha isaatiif tokko ni ture, haati'llee haadha hiyyeessaa ta abbaan worraa isi'ii irraa du'e ni turtte, magaalatti'llee namoonni baayi'een isii horddofaniinii turan. Gooftaan'llee yeroo isii argetti garaa isi'ii laafeefii, «Jabaadhu, hin booyiin!» isi'iin jedheen. Kanaan duubatti Yesus ufi durana tarkaanfateeti siree reeffaa ni tuqe, namoonni siree reeffaa baadhatan'llee ni dhaabatan, Yesus'llee, «Ati dargaggeessa nana ka'i siin jedha!» jedhe. Ka du'ee'llee ol jedhee ta'eeti dubbachuu jala ni qabe, kanaan duubatti'llee Yesus haadhaan, «Kunoo ilmi kee» jedhee, ni kenneef. Mara isaaniituu sodaan isaan qabee, «Nabiyyichi ol aanaan nu jiddu'uu ka'ee jira, Waaqinni ummata isaa fayyisu'uuf dhufee jira» jedha'aa, Waaqa ni galateeffatan. Maqaan Yesus'llee arddii Yihuda'aa maraa fi naannoo biyyoota jiran marattuu, ni dhagayame. Barattoonni Yohaannisii waayee wonittoota kanniinii, kana maraa isatti ni odeessan, inni'llee barattoota isaa keessaa lamaan waamee, «Masihiin ni dhufa jedhame sun, si'i moo yookiin ka bira'aa haa eeginnu? jedha'aatii gaafadhaanii» jechu'uun, gara Gooftaa Yesusii isaan ni erge. Isaan'llee gara Yesusii dhaqanii, «Masihiin ni dhufa jedhame sun si'i moo? Yookiin ‹ka bira'aa haa eeginnu?› jedha'aatii, gaafadha'aanii jechu'uun, Yohaannisiin cuuphaan gara kee nu ergee jira» jedhaniin. Yesus'llee yeroo sanitti namoota dhukkubaa fi dhibee adda addaa irraa isaan ni fayyise, hafuurota battiiwwan'llee ni baase, ija jaamota baayi'e'ee ni ibise. Yesus'llee ergamootaan akkana isaaniin jedhe, «Deebi'aa deema'aatii Yohaannistti waan argitanii fi waan dhageettan itti himaa, kunoo, jaamonni ni arigan, hokkolttoonni qajeelanii ni deeman, waashayonni ni qulqullaayan, duudonni ni dhagayan, worri du'an ni ka'an, hiyyeesotaaf'llee wongeelli ni lallabama. Ka anaan hin gufanne ka eebbifame.» Ergamoonni Yohaannisii eega deemaniin duubatti, Yesus waayee Yohaannisii akkana jechu'uun ummatatti dubbachuu jala ni qabe, «Maal laalu'uuf gara gammoojji'ii baatan? Ooyyaa leemmanii bubbe'een sosocho'u laalu'uuf moo?.» Akkuma kana maal laalu'uuf baatan? Nama uffata bareede uffate laalu'uuf moo? Uffata bareede worri uffatanii fi qanani'iin worri jiraatan ammoo, mana nugusotaa titti argaman, eegaa maal laalu'uuf dhufittan? Nabiyyii laalu'uuf moo? Ee, isiniin ni jedha, gonkumaa ka nabiyyii caalu laalu'uuf. Inni'llee kunoo! Durana keetiin deema'aa karaa kee ka si qopheessu ergamaa kiyya ni erga jedhamee, ka barreeffameef. Namoota dubarttoonni dayan keessaa ka Yohaannisiin caalu eennu'llee hin jiru, Mootummaa Waaqaa titti garuu ka maraa irra diqqa'aatitu, isa caala. Kana yeroo dhagayanitti ummanni marrinuu worrummaan qaraacotaa'llee uduu hin hafin, harka Yohaannisii titti cuuphamanii jiran waan tureef, hujiin Waaqaa sirrii ta'uu isaa ni hubatan. Fariisotaa fi barsiisonni seeraa garuu, harka Yohaannisii titti hin cuuphamnnu jechu'uun, fedhii Waaqaa mormmanii turan. Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Eegaa dhaloota kanaa maali'iin wolitti fakkeessaan? Maal'llee fakkaata? Bakka yaa'ii ta'anii ijoollee taphatan fakkaatan, isaan'llee ufii isaaniitii wol waama'aa, ‹ulullee isiniif ni afuufinne, isin garuu hin sirbine, faaruu booyaa isinii ni baafinne, isin garuu hin boonne› worra jedhan. Akkuma kana Yohaannisiin Cuuphaan midhaan uduu hin nyaatnii fi daadhii woyinni'llee uduu hin dhugin dhufinnaan, ‹inni jinnii qaba› ni jettaniin. Ilmi Namaa ammoo nyaata'aatii fi dhuga'aa dhufinnaan, ‹kunoo, kun nyaataa fi dhugaatii ka jaalatu, waahela qaraacotaatii fi cubbamoota'llee› ni jettaniin. Sirrii ta'uun ogumma'aa ijoollee isi'iitiin, ni mirkanaaya.» Fariisota keessaa tokko Yesusiin laaqana ni afeereen, Yesus'llee gara mana Farsichaa aseenee laaqana nyaachu'uuf, gara nyaataa ni dhiyaate. Magaalaa san keessa'llee dubarttii cubbamittuu takkatu jira ture, isiin'llee Yesus mana Farsichaa titti laaqanaaf afeeramuu isaa yeroo dhageettetti, shurrubbee alibasxiroosii ka shittoon itti guuttame qabattee, ni dhuftte. Yesusiin gara duubaatiin miila isaa bira dhaabattee booya'aa, miillan isaa imimmaan isi'iitiin ni jiifttii fi rifeenissa mataa isi'iitiin'llee ni sukkuumtti ture, miila isaa'llee dhungata'aa shittoo ni dibddi ture. Fariisichi laaqana isa afeere'llee kana yeroo argetti, «Naminni kun nabiyyii uduu ta'ee jiraateetii, dubarttiin miila isa haxxoofttu tun, eennuun akka taatee fi cubbamittuu attamii akka taate, ni beeka ture,» jechu'uun, onnee isaa titti ni yaade. Yesus'llee, «Yaa Simoon, waan sitti himu tokko ni qaba,» jedheen. Inni'llee, «Yaa barsiisaa! Tolee natti himi!» jedheen. Yesus'llee akkana jechu'uun haasaya isaa itti ni fufe, «Namicha liqeessaa tokko irraa dinaara ka liqeeffatan namoota lamatu jira ture, tokko dinaara dhibba shanii, ka bira'aa ammoo qarshii shantamaa ni liqeeffatan, Lamaanuu ka liqeeffatan kafaluu dadhabinnaan, liqeessaan liqaa isaanii ni dhiise, eegaa, liqeeffattoota lamaan keessaa ka liqeessaan caalchisee jaalatu, kamiin sitti fakkaata?» jedheen. Simoon'llee, «Ka liqaan baayi'een hafiteef caalchisee waan isa jaalatu natti fakkaata» jechu'uun, ni deebiseef. Yesus'llee, «Deebiin kee sirri'i» ni jedheen. Kanaan duubatti Yesus gara dubartti'ii deebi'eeti, Simooniin akkana ni jedheen, «Dubarttii tana ni argitaa ree? Ani gara mana keetii yeroo aseenutti ati bishaanuma miila kiyyaatuu naaf hin dhiyeessine, isiin garuu miila kiyya imimmaan isi'iitiin miiccee, rifeenissa mataa isi'iitiin ni haxoofteen. Ati yoo ana simattu ana hin dhuniganne, isiin garuu gara mana keetii yeroo aseenee jala qabddee, miila kiyya dhungachuu addaan hin kunne, ati matama kiyya zayiitima'llee ana hin dibnne, isin garuu miila kiyya shittoo ni dibidde, kanaaf baayi'ee waan jaalatteef cubbuun isi'ii baayi'e'eef dhiifaminni taasfameefii jira siin jedha, cubbuun isaa muraasaan ka dhiifamuuf garuu, ka jaalatu'llee muraasumaan.» Kanaan duubatti Yesus dubarttii, «Cubbuu keetiif dhiifaminni siif taasfamee jira,» jedheen. Isa woliin nyaataaf ta'anii ni nyaatan worri turan'llee, «Cubbuu keetiif dhiifama ka taasisu, kun eennuu?» jedha'aa, onnee isaanii titti yaaduu jala ni qaban. Yesus garuu dubartti'iin, «Amantiin kee si fayyisee jira, nagayaan deemi!» jedheen. Kanaan duubatti Yesus magaala'aa fi gandootatti Mootummaa Waaqaa lallaba'aatii fi oduu gammachu'uu hima'aa ni dabrra ture, kudha lamaan'llee isaa woliin ni turan. Akkuma kana hafuura battiiwwan irraa worri gad dhiifamanii fi dhibee irraa dubarttoonni fayyan'llee Yesusiin ni horddofaniin turan, isaan'llee jinniiwwan torbaa ka isii keessaa bayeef Maariyam Magdalaawittii ta jedhamtte, Ajajaa mana Heerodisii ka ture haadha worraa Kuuza'aa Yohannaan, Soosinna'aa fi tuunniin'llee baayi'eewwan ni turan, dubarttoonni tunniin Yesusii fi barattoota isaa, qarshi'iin isaaniitiin ni tajaajilan turan. Ummanni baayi'een magaala'aa gara isaa dhufanii bakka tokkotti yeroo wol gayanitti, Yesus fakkeenna kana isaanitti ni hime, «Qotee bulaan tokko sanyii facaasu'uuf ni baye, yoo facaasu'llee sanyiin tokko tokko karaa biratti bu'eeti ni dhiitame, sinbirroonni'llee ni nyaataniin. Sanyiin bira'aa'llee lafa dhagaalessa irratti ni bu'e, yeroo bayetti'llee laftti jiidha waan hin qabnneef, biqilli ni goge. Sanyiin bira'aa'llee qoree jiddu'utti ni bu'e, qoreen'llee woliin guddatteeti hudhee ni hanbbiseen. Sanyiin bira'aa garuu lafa mishaa irra bu'ee ni baye, biqilli'llee guddatee tokko tokkoon isaanii dachaa dhibbaa ni daraare.» Itti aansee'llee Yesus, «Ka gurra dhagayu qabu haa dhagayu!» ni jedhe. Barattoonni isaa Yesusiin, «Hiikkaan fakkeenna kanaa maali'i?» jedhanii ni gaafataniin. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Isiniif waayeen dhossaa Mootummaa Waaqaa beeku'uu isiniif kennamee jira, kuunniin garuu wonitti marrinuu fakkeennan isaatti ni himama, isaan uduma laalan onne'etti hin qabanne, uduma dhagayan'llee akka hin hubanneef» jedhe. Hiikkaan fakkeennaa kana, «Sanyiin dubbii Waaqaati, sanyiin karaa biratti bu'e ka muldhisu, namoota yero'oof dubbii Waaqaa dhageeffatan, garuu isaan amananii akka hin fayyineef sheexanni dhufee, dubbii onnee isaanii keessaa ni fudhata. Sanyiin lafa dhagaalessa irratti bu'e ka muldhisu, namoota dubbii Waaqaa dhagayanii gammachu'uun fudhataniiti, isaan garuu ka amanan yeromaaf, hidda waan hin qabnneef'llee yeroo qormaataa bakkumatti ni waakkatan. Ximirroo qore'ee jiddu'utti'llee sanyiin bu'e ka muldhisu, waayee namoota yero'oof dubbii dhagayaniiti, garuu yaadinni biyya lafa kanaatii fi qabeenni, jireenni biyya lafaatii fi qananiin'llee hudhee, firii malee isaan ni hanbisa. Lafa mishaa irra sanyiin bu'e ka muldhisu garuu, onnee misha'aa fi qalbbii qajeelttu'uun dubbii dhagayanii worra eegan, isaan'llee worra dubbi'iin jabaatanii, firii daraaran.» Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Ibisaa ibisee ginddoo ka itti gonbbisu yookiin ka siree jala kaayu eennu'llee hin jiru, kana irra gara manaa ka aseenan marrinuu ifa isaa akka laalaniif, baattuu ibisa'aa irra ni kaayaan.» «Akkuma kana ka dhokate uduu hin muldhatin, ka bade uduu hin beekkamin, ka hafu hin jiru.» «Kanaaf dubbii Waaqaa attamitti akka dhageettan ufi eeggadhaa, nama qabuuf dabalamee ni kennamaaf, ka hin qabnne garuu, ni qaba jedhee kammaan yaaduu irraa ni fudhatama.» Haati Yesusiitii fi obboleeyyan isaa gara isaa ni dhufan, garuu baayi'inna ummataa irraa kan ka'een isa argachu'uuf, hin dandeenne. Kanaaf, «Kunnoo, haatetii fi obboleeyyan kee, ala dhaabatanii si argu'uuf ni barbaadan» jedhanii, namoonni itti ni himan. Yesus'llee, «Dubbii Waaqaa dhagayanii worri raawwatan marrinuu, isaan haadha kiyyaa fi obboleeyyan kiyya» jedhe. Guyyaa tokko Yesus barattoota isaa woliin hoboloo yaabbateeti, «Gara garba ciisa'aatiin gamaa haa ceenuu» isaaniin jedhe, isaan'llee deemu'uuf ni ka'an. Garba ciisaa irra dhayata'aa uduu deema'aa jiran, Yesus ni muge, yeroo sanitti'llee bubbeen honbololattii cima'aa garba ciisaa irratti ni ka'e, bishaan'llee hoboloo keessatti guutuu waan jala qabeef, galtteen isaan sodaachisee ni ture. Barattoonni isaa'llee, «Yaa barsiisaa! Yaa barsiisaa! Dhumu'uuf jirra!» yoo jedhan, Yesusiin ni damaqissaniin. Inni'llee dammaqee bubbe'ee fi danbalii isa raasu'llee ni baanate, bubbe'ee fi danbaliin raasu'llee bakkumatti ni dhaabatan, chaldhisiisiinssi ol aanaan'llee ni ta'e. Kanaan duubatti'llee Yesus barattoota isaatiin, «Amantiin keessan eessa jira?» isaaniin jedhe. Isaan garuu haalaan maalalffataniitii fi sodaatanii ufii isaaniitii, «Bubbe'ee fi danbalii bishaanii'llee ni ajaja, isaan'llee ni ajajamaniif, haa ta'u malee kun eennu?» woliin jedhan. Garba ciisaan'llee ce'anii Galiila'aatiin gamatti gara biyya arigamtuu, gara Gergesenoonii ni gayan, Yesus hoboloo irraa gara lafaa yeroo bu'etti, hafuurri battiin ka irra bule namichi tokko, magaala'aa bayee gara isaa ni dhufe, naminni kun'llee uffata isaa haga gatee yeroo baayi'ee ta'eenii ture, ka jiraatu'llee bakka awwaalaati malee, mana hin turre. Yesusiin yeroo argetti ni iyye, Yesusiin duranatti'llee kufee qoniqqa ol fudhatee, «Ati Ilma Waaqa ol aana'aa yaa Yesus, ana woliin dhimma maal qabdda? Yabo'oo ana hin makkaraarissin» jedheen. Kana'llee waayeen jedheef Yesus hafuurri battichi namicha keessaa akka bayu ajajeenii waan tureef. Asin durana'llee hafuurri battichi namicha irratti yeroo baayi'ee itti ka'a ture, birbiraataa fi sibiila miilaatiin'llee hidhama'aa ni eegama ture, haa ta'u malee birbiraata ni kuta, sibiila miilaa'llee ni caccabssa ture. Jinniin'llee isa oofa'aa gara gammoojji'ii ni fidaaniiyyu ture. Yesus'llee, «Maqaan kee eennu?» jedhee ni gaafateen, inni'llee jinniiwwan baayi'een itti quphatee waan tureef, «Maqaan kiyya Leegewoon» jechu'uun ni deebiseef. Bakkumatti hafuuronni'llee, «Yabo'oo gara qilee gad fago'oo titti nu hin ergin!» jechu'uun, ni kadhataniin. Bakka sanitti'llee hundda gaaraa titti gobbuun booyyee baayi'etu bobayanii jiran ture, hafuuronni hamaan'llee, «Gara booyyewwanii titti akka galluuf nuuf eeyyami!» jechu'uun, Yesusiin ni kadhataniin, inni'llee isaanii ni eeyyame. Kanaaf hafuuronni namicha keessaa baayanii, booyyeewwan keessatti ni aseenan, booyyewwan'llee qilee irraa gatantara'aa ni bu'an, garba ciisa'aa'llee aseenanii ni liqimfaman. Tissitoonni booyyewwanii waan ta'e yeroo arganitti, dheessanii ni deeman, magaalaa fi baadiyyati'llee odduu woliin ni gayan. Namoonni'llee waan ta'e laalu'uuf mana isaanii maraa bayanii gara Yesusii ni dhufan, namichi hafuuronni keessaa bayan'llee gara qalbbii isaa titti deebiteetii fi uffata isaa'llee uffatee, miila Yesusii jala taa'ee yeroo arganiinitti, ni sodaatan, Namoonni ragaa ijaa turan'llee namichi hafuurronni irra bulanii ture attamitti akka fayye, isaanitti ni odeessan. Kanaan duubatti namoonni naannoo Gergeesenonii marrinuu, Yesus biyya isaaniitii akka isaanii deemuuf ni kadhataniin. Kana'llee wonitti jedhaniif haalaan sodaataniinii waan turaniif. Kanaaf Yesus hoboloo yaabbateeti gara bakka irraa dhufee titti, deebi'ee ni deeme. Namichi hafuuronni jinniiwwan bayaniif'llee Yesusiin, «Yabo'oo si haa horddofuu» jedhee, ni kadhateen. Yesus garuu akkana jedhee ni geegesseen. «Gara mana keetii deemiitii waan Waaqinni siif raawwate maraa dubbadhu!» Namichi'llee waan guddaa Yesus isaa raawwate magaalaa maratti, dubbata'aa ni deeme. Ummanni ni eeggataan waan tureef Yesus deebi'ee yeroo dhufetti, marrinuu gammachu'uun ufitti ni fudhataniin. Yeroo sanitti namichi itti gaafatamaan bakka woligayii isaanii ta'e, Yaayiros ka jedhamu tokko ni dhufe, miila Yesusii jalatti kufee, «Yabo'oo gara mana kiyyaa naa koottu» jedhee, ni kadhateen. Kana'llee wonitti jedheef umriin isi'ii woggaa kudha lamaa ka ta'een intaltti isaa takka dhukkubisattee, qarree du'aa irra waan turtteef. Yesus'llee isa woliin uduma deema'aa jiru, isa horddofanii ka jiran namoonni baayi'een, wol hacuucu'uun wol ni dhidhiiban ture. Woggaa kudha lamaa guutuu dhiiginni isii jiga'aa ka makkaraarttu dubarttii takkatu turtte, isiin'llee qabeenna qabddu maraa worra yaaltotaatiif kafalu'uun fixxee, eennu'llee isii fayyisu'uuf hin dandeenne. Isiin'llee gara Yesusii dhufittee gara dudda duuba isaatiin dhiyaatteeti qaccee uffata isaa ni tuqixxe, bakkumatti dhiigin isi'ii jiguu ni dhaabe. Yesus'llee, «Eennutu ana tuqe?» jechu'uun ni gaafate. Marrinuu, «Nu si hin tuqinne» ni jedhan, Phexiros'llee, «Yaa barsiisaa, ummanni wol hacuuca'aa si yoo horddofu uduu argitu, eennutu ana tuqe jettaa?» jedheen. Yesus garuu, «Huminni ana keessaa bayuu isaa beekee jiraatii, dhugamaanuu naminni tokko ana tuqee jira» jedhe. Dubarttiin'llee akka hin dhokatin yeroo beekittetti hollata'aa gara Yesusii dhufttee, miila isaa jalatti ni kuftte, kanaan duubatti maali'iif akka isa tuxxee fi attamitti bakkumatti akka fayyite'llee, ummata mara duranatti ni ibisite. Yesus'llee, «Yaa mucattii tiyya, amantiin kee si fayyisee jira, nagayaan deemi!» jedheen. Uduma Yesus kana dubbata'aa jiru, naminni tokko itti gaafatamaa bakka woligayii isaanii mana Iyyaairosiitii ni dhufee, «Intaltti tee duutee jirttiitii, ammaa achitti barsiisaa tasatti, hin dadhabisiisiniin!» jedheen. Yesus garuu kana dhagayee Iyyaaryosiin, «Jabaadhu hin sodaatin aman qofa, intalitti kee ni fayyiti» jedheen. Yesus gara mana Iyyaarosii yeroo gayetti Phexiros, Yohaannis, Yaaqoob, abbaa intalatii fi haadha isi'ii malee, ka bira'aa eennu'llee isa woliin gara keessaa akka aseenu, hin eeyyaminne. Namoonni achi turan marrinuu waayee intalatti'iif ni booyan! Ani bade'llee ni jedhan ture. Yesus garuu, «Hin booyinaa, intaltti ni mugidde malee, hin duune» isaaniin jedhe. Isaan garuu intaltti akka duute waan beekaniif, marrinuu baldu'uun isatti ni kolffan. Yesus'llee harka intalatti'ii qabee, «Intala nana ka'i!» jedheen. Isiin'llee lubbuun isi'ii waan isi'ii deebiteef bakkumatti ol ni kaate, Yesus'llee, «Waan nyaattu kenna'aafii!» jechu'uun, ni ajaje. Maatiin intalatti'ii'llee ni maalalan, inni garuu waan ta'e kana eennutti'llee hin dubbatinaa jechu'uun, isaan ni ajaje. Yesus ergamittoota isaa kudha lamaan gara isaa waamee, huminna jinniiwwan baasu'uutii fi dhibee mara fayyisu'uuf'llee aangoo isaaniif ni kenne. Dhufaatii Mootummaa Waaqaa nama maratti akka himan, dhukkubisatoota akka fayyisaniif isaan ni erge. Akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Adeemissa keessaniif ka ta'u womaayyuu hin qabatinaa, ulee'llee yoo ta'e, qaraciitii'llee yoo ta'e, dhalee'llee yoo ta'e, qarshii'llee yoo ta'e, uffatuma jijjiirataa'llee yoo ta'e hin qabatinaa. Bakka keessumumma'aan aseenttan marattuu, ganda san keessaa baatanii haga deemittanitti achumatti turaa. Namoonni ka isin ufitti hin fudhanne yoo ta'e garuu, magaalaa san dhiifttanii yoo deemittan, awwaara miila keessan dhadhawadha'aatii deemaa, kun'llee ragaa isaanitti ni ta'a.» Kanaaf ergamittoonni achii bayanii wongeela barsiisa'aatii fi dhukkubisatoota fayyisa'aa, gandoota mara keessaan ni dabrran ture. Namoonni tokko tokko, «Yohaannisiin Cuuphaan du'aa ka'ee jira» jedhanii, ni odeessan waan tureef, bulchaa biyya Galiila'aa ka ture Heerodis, waan Yesus raawwate maraa dhagayuu isaatiin ni naye. Akkuma kana tokko tokko, «Nabiyyichi Eliyaas deebi'ee dhufee jira» yoo jedhan, kuunniin ammoo, «Nabiyyoota duraanii keessaa tokkochi du'aa ka'ee jira» ni jedhan ture. Heerodis'llee gara isaatiin, «Ani mataa Yohaannisii mursiisee ture, eegaa, waan kana maraa ni raawwata jedhama'aa ka dubbatamuuf, inni eennu?» jedha ture. Isa arguuf'llee ni barbaada ture. Ergamittoonni bakka itti ergamanii deebi'anii dhufaniiti, waan raawwatan maraa Yesusitti ni himan. Inni'llee gara magaalaa Betsayidaa biratti argamittu gara bakka udume'ee titti isaan qabatee ni deeme. Ummanni'llee Yesus eessa akka jiru yeroo beeketti ni horddofaniin, inni'llee isaan ufitti fudhatee waayee Mootummaa Waaqaa isaan ni barsiise, dhukkuba irraa fayyu'uuf barbaadanii dhukubbisatoota dhufan maraa, isaan ni fayyise. Guyyaan dhiiyu'uuf yoo dhiyaatutti, barattoonni isaa kudha lamaan gara Yesusii dhiyaatanii, «Bakki jirru kun gammoojji'i, kanaaf namoonni gara magaalotaa fi baadiyyoota naannoo jiranii deemanii, nyaataa fi bakka bultti'ii akka soqataniif, isaan geegessi» jedhaniin. Yesus garuu, «Isin mataan keessanuu waan nyaatan isaanii kennaa» isaaniin jedheen. Isaan'llee, «Nu ka qabnnu buddeena shanii fi qurxummii lama qofa, kanaaf deeminnee nyaata yoo beekinne malee, ummata kana maraaf hin gayu» jedhaniin. Baay'inni namootaa'llee haga kuma shanii ni gaya ture. Yesus'llee barattoota isaatiin, «Namoonni shantama, shantamaan qoodamanii akka taa'an taasisaa!» isaaniin jedhe. Barattoonni isaa'llee, akkuma inni isaan ajajetti namoonni akka ta'an ni taasisan. Kanaan duubatti'llee Yesus buddeena shananii fi qurxummii lamaan fuudhee gara samii ol jedhee laaleeti Waaqa ni galateeffate, kukkutee'llee namootaaf akka qoodan barattoota isaa titti ni kenne, marrinuu nyaatanii ni quufan, barattoonni isaa'llee ummata irraa ka hafe, hanbbaa butute ginddoo kudha lama guutuu ni kaasan. Guyyaa tokko Yesus adda isaa uduu kadhata'aa jiru, barattoonni isaa dhufanii isa woliin ni taa'an, inni'llee, «Namoonni anaan eennu naan jedhan?» jechu'uun, isaan ni gaafate. Isaan'llee, «Tokko tokko, ‹Yohaannisii Cuuphixicha› kuunniin, ‹Eliyaas› siin jedhan, ‹nabiyyoota duraanii keessaa tokkochi du'aa ka'ee jira› ka jedhan'llee ni jiran» jedhanii, ni deebisaniif. Isin hoo anaan, «Eennu naan jettan?» jedhee, isaan ni gaafate, Phexiros'llee, «Ati Masihii Waaqaati» jechu'uun, ni deebiseef. Yesus'llee kana eennutti'llee akka isaan hin dubbanneef, cimssee isaan ufi ni eeggachiise. Itti aansee'llee Yesus barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Ilmi Namaa rakkinna baayi'ee fudhachuun isaan ni mala, jaarsotaa fi itti gaafatamoota qeesotaa, barsiisota seeraa biratti'llee ni tuffatama, ni ajjeefama'lle'e, haa ta'u malee guyyaa sadaffaa titti, du'aa ni ka'a.» Maraanuu ammoo akkana ni jedhe, «Ana horddofu'uuf ka barbaadu yoo jiraate mataa isaa haa waakkatu, guyyama guyya'aan'llee fannoo isaa baadhatee, ana haa horddofu, ana irra ka lubbuu isaatiif yaadu marrinuu ni balleesaan, waayee kiyyaaf lubbuu isaa dabarssee ka kennu garuu, ni fayyifataan. Naminni qabeenna biyya lafaa mara uduu argatee, lubbuu isaa garuu yoo balleesse maal isa fayyada? Anaa fi dubbii kiyyatti ka saalfatu mara irrattuu, Ilmi Namaa'llee ulfinna isaatii fi ulfinna Abbaa isaa, akkuma kana ulfinna maleyikkoota isaa Qulqulluuwwaniitiin ulfinnaan yeroo dhufutti, isatti ni saalfata. Dhugamaan isiniin jedha, amma worra asi jiran jiddu'uu Mootummaan Waaqaa yoo dhufittu haga arganitti, ka hin duune tokko tokko ni jiran.» Yesus kana eega dubbate guyya saddeetiin duubatti Phexiros, Yohaannisii fi Yaaqoobiin ufi duukaa qabatee kadhachuuf, gara gaara tokkoo irra ni baye. Yeroo kadhatutti'llee biftti isaa ni jijjiirame, uffanni isaa'llee adii ta'ee calaqise, Kunnoo, dimmaa namoonni lamaa dhufanii isa woliin ni haasayan ture, isaan'llee Muse'ee fi Eliyaasiin ni turan. Ulfinnaan muldhatanii ni haasayan ka turan'llee, Yesus Yerusaalemitti rakkinna akka fudhatuu fi akka du'u ture. Yeroo kanatti Phexirosii fi waahellan isaa hirribaan injifatamanii rafanii ture, yeroo damaqanitti garuu, ulfinna Yesusiitii fi namoota isa woliin turan lamaanii, ni argan. Namoonni lamaan Yesusiin biraa fooyamanii yeroo deemanitti Phexiros Yesusiin, «Yaa barsiisaa, asi ta'uun keenna nu'uuf misha'a, kanaaf tokko si'iif, tokko Muse'eef, tokko Eliyaasiif ka ta'an daaseewwan sadihii haa ijaarruu!» jedheen, Phexiros kana yoo dubbatu waan jedhu hin beeku ture. Uduma Phexiros kana dubbata'aa jiru duumessi dhufee isaan ni golge, duumessi'llee yeroo isaan golgetti'llee ni sodaatan. Duumessa keessan'llee, «Ilima kiyya ka ani filadheen kana, isa dhageeffadhaanii» qooniqqi jedhu, ni dhufe. Qooniqqi eega dhagayameen duubatti'llee, Yesus adda isaa ta'ee ni argame, barattoonni isaa'llee yeroo sanitti, waan arigan maraa eennutti'llee uduu hin himin, ni caldhisan. Guyya itti aanutti'llee Yesusii fi barattoonni isaa sadiin gaara irraa yoo bu'anitti, ummanni baayi'een gara Yesusii ni dhufe. Ummata jiddu'uu'llee naminni tokko akkana jechu'uun ni iyye! «Yaa barsiisaa, kun anaaf ilma tokkochaatii, akka naa fayyifttuuf si ni kadhadha, kunoo hafuurri battiin dimmaa qabeenii ni iyyisiisaan, lafa irratti kuffiseenii hoomacha ni hoomacheeseenii, ni wixxifachiisaan, qaama isaa'llee madeessaa rakkinnaan gad dhiisaan. Hafuura battii akka isaa baasaniif'llee barattoota kee gaafadhee ture, garuu isaan hin dandeenne.» Yesus'llee akkana ni jedhe, «Isin worra amantii hin qabnne dhaloota dabaa nana! Haga yoomii titti isin woliin jiraadhaa? Haga yoomii titti'llee isiniif obissa? Mee mucaa kee garana fidiin.» Mucaan'llee gara Yesusii yeroo dhiyaatetti jinnii lafa irratti kuffisee ni wixxifachiiseen, Yesus garuu hafuura batti'itti ni baanate, mucaa'llee fayyisee, abbaa isaatii ni kenneen. Ummanni marri'llee huminna Waaqaa ol aanaa ariguu isaaniitiin ni maalalan. Marrinuu waan Yesus raawwate maalffachuu irra uduu jiran, inni barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Dubbii isinitti dubbata'aa jiru kana hubadhaa onne'etti qabadhaa! Kunoo, Ilmi Namaa harka namootaa titti dabarffamee ni kennama.» Isaan garuu waan kana hin hubanne, dhossaan haasayaa'llee isaan jalaa dhokatee ture, akka isa hin gaafanneef'llee ni sodaatan. Barattoonni isaa, «Nu mara keenna ka caalu eennu?» jechu'uun, mormmii kaasanii turan. Yesus garuu yaada onnee isaanii beekee, daa'ima tokko fidee ufi bira ni dhabachiiseen, Inni'llee, «Daa'ima kana maqaa kiyyaan ka ufitti fudhatu marrinuu ana ufitti ni fudhata, ana'llee ka ufitti fudhatu marrinuu ka ana erge ufitti fudhata. Isin jiddu'uu ka isin mara irra diqqaatu, inni ka maraa caalu ni ta'a» isaaniin jedhe. Kanaan duubatti Yohaannis Yesusiin, «Yaa barsiisaa, naminni tokko maqaa keetiin hafuurota yoo baasu ni argineen, garuu nu'u woliin waan hin ta'iniif, ni dhoogineen» jedhe. Yesus'llee, «Ka isin hin mormine marrinuu isin woliin waan ta'eef dhiisaa, hin dhoogina'aanii!» jedhe. Guyyaan Yesus gara sami'ii ol itti deebi'u yeroo dhiyaatetti, gara Yerusaalemii deemu'uuf kutatee ni ka'e. Isaan durana durssanii ka deeman ergamoota ni erge, isaan'llee waan maraa qopheessu'uuf, samaariya'atti gara ta argamittuu gara ganda tokkoo ni dhaqe. Garuu inni achiin dabrree gara Yerusaalemii ka deemu ta'uu isaa beekanii waan tureef, namoonni ganda sanii isa ufitti fudhachu'uuf hin barbaanne. Barattoonni isaa Yaaqoobii fi Yohaannis kana yeroo arganitti, «Yaa Gooftaa! Sami'ii ibiddi bu'ee namoota kanniin akka gubu akka ajajinuuf nuuf eeyyami?» ni jedhaniin. Yesus garuu gara isaanii deebi'ee isaanitti ni baanate. [Isin hafuura attamii irraa akka taatan hin beekittan, Ilmi Namaa ka dhufeef lubbuu fayyisu'uuf malee, balleessu'uufii miti.] Achii'llee ka'anii gara ganda bira'aa, ni deeman. Yesusii fi barattoonni isaa adeemissa itti fufanii karaa irra uduu jiran naminni tokko Yesusiin, «Ani gara ati deemittu maraa si horddofu'uuf ni barbaada,» jedheen. Yesus'llee, «Jeedallan boolla ni qaban, sinbirroonni samii'llee mandhee ni qaban, Ilmi Namaa garuu matama isaatuu bakka itti boqachiisu hin qabu» jechu'uun, ni deebiseef. Nama bira'aatiin'llee, «Ana horddofi!» jedheen. Namichi garuu, «Yaa Gooftaa! Jalqaba deemee, abbaa kiyya akka awwaaluuf naa eeyyami» jedheen. Yesus'llee, «Worra du'ootaa isaan dhiisaa!, du'oota isaanii haa awwaalanii, ati garuu deemiitii waayee Mootummaa Waaqaa barsiis!» jechu'uun, ni deebiseef. Naminni bira'aa tokko ammoo, «Yaa Gooftaa, ani si horddofu'uuf ni barbaada, garuu jalqaba deemee maatii kiyyatti nagaya akka dhaamadhuuf, naa eeyyami» jedheen. Yesus'llee, «Qotu'uuf irffii qabatee gara duubaa naminni laalu, Mootummaa Waaqaatiif ka malee miti!» jechu'uun ni deebiseef. Kanaan duubatti Gooftaan kaanniin namoota torbaatamii lama ni file, inni'llee gara deemu'uuf yaade gara magaala'aa durssanii akka deemaniif, lama lama taasisee isaan ni erge. Akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Kunoo, callaan baayi'e'ee, hojjattoonni calla'aa garuu isaan muraasonni, kanaaf Gooftaan calla'aa hujii calla'aatiif hojjattoota dabalataa akka ergu, kadhadha'aanii.» Eegaa deemaa, kunoo akka hoolotaa yayyiiwwan jidduu isin ni erga, karaa keessaniif'llee womaayyuu hin qabatinaa, korojoo qarshii'llee yoo ta'e, qaraciitii'llee yoo ta'e, kophee'llee yoo ta'e hin qabatinaa, namaan woliin nagaya wol gaafachu'uun karaa irra dhaabatanii, yeroo hin balleesinaa. Mana aseentan marattuu durssa'aatii, nageenni mana kanaaf haa ta'u jedhaa, Naminni nagayaa jaalataan mana kana keessa yoo jiraate nageenni keessan isa irra ni bula, yoo ta'uu dhabaate ammoo, nageenni keessan gara keessan ni deebi'a. Hojjata'aaf mindaan ni mala, kanaaf mana aseenttanitti waanuma isiniif dhiyeessan nyaata'aatii fi dhuga'aa turaa, manaa gara mana bira'aa'llee hin deeminaa. Gara magaalaa kamiituu yoo aseentanii fi namoonni'llee yoo ufitti isin fudhatan, waanuma isiniif dhiyeessan nyaadhaa. Dhukkubisattoota magaalaa sanitti argaman'llee fayyisaa, ummataan'llee, Mootummaan Waaqaa gara keessan dhiiyaattee jirtti jedha'aa, dubbadhaa. Garuu gara magaalaa kamiituu yoo aseentan namoonni ka isin ufitti fudhatan yoo taate, gara bakka yaa'ii magaala'aa baya'aatii, akkana isaaniin jedhaa, Kunoo, awwaaruma miila keenna irra jiru ka magaalaa keessanii'llee ni dhadhawanna, garuu Mootummaan Waaqaa gara keessan akka dhiyaate beekaa. Guyyaa murti'ii magaalattii kana irra, magaalaa Sadoomiitiif adabbiin ni diqqaataaf, isiniin ni jedha. Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Si uunsha'a Koraazii! Si uunsha'a Betsayidaa! Baasonni isin keessatti taasfaman, Xiiroosii fi Sidoona'atti taasfamanii uduu jiraataniitii, namoonni achi ni jiraatan turan uffata isaanii ka gaddaa uffataniitii fi daaraa irra ta'anii, duraanuu gara Waaqaa ni deebi'an turan. Kanaaf guyyaa murti'ii titti isin irra Xiiroosii fi Sidoona'aa adabbiin isaanii ni salphata. Ati'llee Qifirnaahoom! Haga sami'ii titti ol jechu'uuf barbaaddee jirta? Eegaa gara siioolii ni buuta.» Deebi'ee'llee Yesus barattoota isaatiin, «Ka isin dhagayu ana ni dhagaya, isin ufitti ka hin fudhanne ana ufitti hin fudhatu, ka ana ufitti hin fudhanne'llee ka ana erge hin fudhatu» isaaniin ni jedhe. Ergamittoonni torbaatamii lamaanuu bakka itti ergamanii gammachu'uun deebi'anii ni dhufan, gara Yesusii'llee dhiyaatanii, «Yaa Gooftaa! Maqaa keetiin hafuuronni nuuf ajajamanii jiran» jedhaniin. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Sheexanni akka bakakka'aa titti darbamee sami'ii yoo bu'u ni argeen, kunoo! Boofaa fi qaajjibbuu irra akka ijjattaniif, huminna diinaa mara'llee akka dandeettaniif, aangoo isinii kennee jira, wonitti isin miidhu tokkoo hin jiru. Garuu maqaan keessan galmmee sami'ii titti waan barreeffameef gammadaa malee, hafuuronni waan isiniif ajajamaniif, hin gammadinaa.» Yeroo sanitti Yesus Hafuura Qulqullicha isaatiin gammadee akkana ni jedhe, «Gooftaa sami'ii fi arddi'ii yaa Abbaa! Waan kana ogeessotaa fi beekitotaa jalaa dhossitee, worra hin baratinii waan ibisiteef si galateeffadha, ee yaa Abbaa, kana raawwachu'uuf fedhii kee mishaan ta'ee jira. «Wonitti marrinuu Abbaa kiyya irraa naaf kennamee jira, Ilmi eennuun akka ta'e Waaqa Abbaa malee eennu'llee ka beeku hin jiru, akkuma kanaan Waaqinni Abbaan eennuun ta'uu isaa Ilma malee yookiin Ilmi isaa ibisu'uuf nama eeyyamuuf malee, ka bira'aa eennu'llee ka beeku hin jiru.» Itti aansee'llee Yesus gara barattoota isaa deebi'eeti, addatti akkana isaaniin ni jedhe, «Waan isin argitan kana ka argan, isaan ka eebbifaman. Dhugamaattuu nabiyyoonni baayi'ee fi nugusonni'llee waan isin argitan kana argu'uuf hawwanii turan, garuu isaan hin argine, waan isin dhageettan kana'llee dhagayu'uuf hawwanii turan, garuu hin dhageenne» isaaniin jedhe. Guyyaa tokko barsiisaan seeraa tokko gara Yesusii ni dhufe, isa qormaatu'uf'llee barbaadee, «Yaa barsiisaa! Jireenna bara baraa argachu'uuf maal raawwachu'utu narra mala?» jechu'uun, ni gaafateen. Yesus'llee, «Seera keessatti maaltu barreeffamee jira? Dubbiffittee attamitti hubattan?» jedheen. Namichi'llee, «Seerri ammoo ‹Waaqa kee Gooftaa onnee tee Qulqullu'uun, lubbuu tee muda maleetti'iin, huminna kee muda maleessaa fi yaada kee muda maleessaan jaaladhu!› Akkuma kana, ‹ollaa kee akka mataa keetii taasisii jaaladhu!› jedha» ni jedheen. Yesus'llee, «Qajeelatti deebifittee jirta, eegaa ati'llee kana raawwadhu! Jireenna bara baraa'llee ni argatta» jedheen. Barsiisaan seeraa garuu mataa isaa qulqullaawota fakkeessu'uuf barbaadee, «Haa ta'u malee waahelli kiyya eennu?» jechu'uun, ni gaafateen. Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Naminni tokko Yerusaalemii gara Iyaariko'oo yoo bu'u karaa irra uduu jiru saamttonni isa argatanii uffata isaa irraa ni mulqatan, eega dhaananiiniin duubatti'llee du'aa fi yeroo dhidhiitatutti, dhiisanii ni deeman. Akka tasaa qeesichi tokko karaa saniin ni deema ture, nama dhaanamee gatame yeroo argeenitti, womaayuu uduu isa hin garggaariniin gara bira'aatiin dabrree ni deeme. Akkuma kana leewichi tokko'llee karaa saniin ni deema ture, inni'llee namicha yeroo argetti womaayuu uduu hin raawwatiniif, karaa bira'aatiin bira dabrree ni deeme. Namichi Samaariyaa tokko garuu karaa saniin yoo dabrru gara namichaa ni dhufe, yeroo isa argetti'llee garaa ni laafeef, Gara isaa'llee dhiyaatee zayiitii fi daadhii woyinni'ii madaa isaa irratti ni jisse, subbe'een'llee maree ni hidheef, kanaan duubbatti harree mataa isaa yaabbachiisee, gara mana keessummoonni bulanii tokko ni fideen, achitti'llee ufi eeggannaa addaatiin ni kunuunseen, Guyyaa itti aanutti'llee dinaara lamaa baasee abbaa mana keessummoonni bulaniitiif kenneeti, ‹nama kana ufi eegganna'aan naa dhukkubsachiisiin, baasii dabalataa yoo baaftte'llee yeroo deebi'utti, si ni kafala› jedheen.» «Eegaa, namoota sadiin kanniin keessaa, saamtotaan dhaanamee nama kufeef, waahela ka ta'eef kamiin sitti fakkaata?» Barsiisaan seeraa'llee, «Ka garaa isaa laafe sanii fi ka isa gargaareen san» jechu'uun, ni deebiseef. Yesus'llee, «Eegasuu deemi, ati'llee akkuma kana raawwadhu!» jedheen. Yesus barattoota isaa woliin karaa itti fufee gara ganda tokkoo ni gaye, achitti'llee Maaritaa ta jedhamttu dubarttiin takka, mana isi'ii titti ufitti ni fudhatteen, isin'llee obboleettii Maariyaam jedhamttu qabddi ture, Maariyamiin tun'llee miila Yesusii jala teettee, barsiisa isaa ni dhageefatti ture. Maaritaan garuu nyaataa qopheesu'uun akka cimaa ta'e ni dadhabiddi ture, kanaaf gara Yesusii dhiyaattee, «Yaa Gooftaa! Obboleettiin tiyya tun hujii maraa anumatti dhiiftee, adda kiyya yoo dadhabu uduu argitu, ni caldhifttaa? Yabo'oo akka ana gargaartuuf itti himi!» ni jetteen. Gooftaan Yesus garuu akkana jechu'uun ni deebiseef, «Maaritaa, Maaritaa, ati waan baayi'een ni sarddamtta, ni jeeqamtta'lle'e, garuu wonitti barbaadamaan waan tokko qofa, Maariyaam waan fooyyaye filattee jirtti, isa'llee ka isii irraa fudhatu eennu'llee hin jiru.» Guyyaa tokko Yesus bakka tokkotti ni kadhataa ture, kadhannaan isaa'llee yeroo xumuretti barattoota isaa keessaa tokko, «Yaa Gooftaa! Yohaannis barattoota isaa kadhannaa akkuma barsiisee, ati'llee akka itti kadhannu nu barsiis!» jedheen. Yesus'llee, «Yoo kadhattan akkana jedhaa isaaniin jedhe, ‹[samii ka jiraatu] yaa Abbaa keenna! maqaan kee Qulqulluu haa ta'u! mootummaan kee haa dhufittu! Buddeena keenna ka guyyaa kanaa, guyyamaan nuuf kenni! Akkuma nu worra nu miidhaniif dhiifama taasfinnu, balleesaa keenna nuuf dhiis. Gara qormaataatti'llee nu hin galchin› [hamaa jaalaa nu baasi malee.]» Itti aansee'llee Yesus barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Fakkeennaaf isin keessaa tokko waahela qabaatee, waahelli isaa sun halkan qixxe'een garas gara mana waahela isaa dhaqee, ‹yaa waahela kiyya, yabo'oo buddeena sadihii naa liqeessi, waahela kiyya ka ta'e naminni tokko karaa fago'oo natti dhufee, nyaata dhiyeessuuf womaa hin qabu!› yoo jedheen, «Eegaa waahelli isaa sun mana keessaan ta'ee, ‹yabo'oo ana hin rakkisin! Balballi cufamee jira, ijoolleen tiyya'llee anaan woliin siree irra rafanii jiran, kanaaf ka'ee buddeena barbaadde si kennu'uuf hin danda'u› jedhaanii ree? Yoma waayee waahelummaa isaatiif' ka'ee isaa kennu'uuf ka hin barbaadinii'llee, ka'ee waan isa barbaachisuun maraa ni kennaaf» isiniin jedha. «Kanaaf ani'llee isiniin ka jedhu kana, kadhadhaa isiniif kennama, barbaadaa ni argattanii, cufantaa'llee dhadhayaa isinii banama, ka kadhatu marrinuu ni fudhata, ka barbaadu'llee ni argata, cufantaa'llee ka dhadhayuu ni banamaaf.» Isin irraa hoo yaa abbaa, ilmi isaa [qixxaa yoo kadhateen dhagaa ka kennuuf eennu?] qurxummii hoo yoo kadhateen bakka qurxummi'ii bofa ni kennaafii ree? Yookiin killee yoo kadhateen, qaajjibbuu ni kennaafii ree? Isin hamaaleyyii taatanii uduu jirttan ijoollee keessaniif waan mishaa kennu'uuf eega beekittan, samii ka jiraattu abbaan keessan ammoo worra amananiif, Hafuurri Qulqulluu attami caalissisee, isaanii hin kenninneef. Guyyaa tokko Yesus jinnii naminni akka hin dubbanne taasisu nama duudaa tokko keessaa ni baasa ture, jinniin yeroo keessaa bayetti'llee, namichi duudaan dubbachuu jala ni qabe, ummanni'llee waan kanaan haalaan ni maalale. Tokko tokkoon isaanii garuu, «Jinnii ka baasuun itti gaafatamaa Jinniiwwanii ka ta'e, Bi'el Zebuliin» jedhan. Kunniin ammoo isa qormmaatu'uuniif barbaadanii, sami'ii malikata tokko akka isaanitti muldhisuuf ni gaafataniin. Yesus garuu yaada isaanii beekee akkana isaaniin ni jedhe, «Mootummaan tokko qoodamee ufii isaatii ka adda bayu yoo ta'e, mootummaan sun ni bada, akkuma kana maatiin tokko ufii isaatii ka qoodamu yoo ta'e ni kufa. Kanaaf sheexanni ufii isaatii qoodamee gargar ka bayu yoo ta'e, mootummaan isaa attamitti jabaatee dhaabachu'uuf danda'aa? Isin garuu, ‹inni hafuurota ka baasu Bi'el Zebuliin› naan jettan. Eegaa, ani jinni'iin Bi'el Zebuliin ka baasu yoo ta'e, ijoolleen teessan hoo maali'iin isaan baasan ree? kanaaf ijoolleen teessanuu isinitti ni murteessan. Eegaa ani hafuurota huminna Waaqaatiin ka isaan baasu yoo ta'e, Mootummaan Waaqaa gara keessan dhufuu isi'ii beekaa.» «Naminni jabaan tokko meeshaa woraanaa qabatee mana isaa ka eeggatu yoo ta'e, qabeenni isaa akka ta'utti ni eegamaaf. Garuu ka isa caalu naminni jabaan dhufee isa yoo injifateen, meeshaa woraanaa ka inni ittiin ufi dhaadan irraa ni fudhatama, qabeenna isaa mara'llee saamee ni qooda.» «Ka anaan woliin hin ta'in marrinuu naan ni morma, ka ana woliin'llee wolitti hin qabanne, ni bittineessa.» «Hafuurri battiin nama keessaa yeroo bayetti bakka itti boqatu barbaadu'uun, bishaan bakka hin jirre lafa gogeetii mara keessa ni naanaya, bakka itti boqatu yoo dhabe garuu ‹gara dhufetti deebi'ee haa deemuu› ni jedha. Deebi'ee yoo dhufutti'llee qulqullaayeetii fi qophaayee, ni argataan. Kanaan duubatti deemee isa caala'atti worra hammaatan kaanniin, hafuurota torbaa qabatee ni dhufa, mana duraan inni keessa turetti'llee galanii achi'llee ni jiraatan, haalli muumme'ee ka nama sanii'llee, ka jalqabaa irra ka hammaate ni ta'a.» Yesus kana yeroo dubbatutti dubarttiin takka ummataa jiddu'uu qoonqqa isi'ii ol fudhattee, «Haati si deettee hoosftte ta eebbifamitte» jette. Yesus garuu, «Isaan ka eebbifaman ammoo dubbii Waaqaa dhagayanii, hujii irra worra oolichan» isi'iin jedhe. Namoonni baayi'een gara isaa dhufanii yeroo wolgayanitti Yesus akkana ni jedhe, «Dhaloonni kun dhaloota hama'a, malikata argu'uuf ni barbaada, garuu malikata nabiyyicha Yoonaasii malee malkanni bira'aa, hin kennamuuf. Nabiyyichi Yoonaas namoota magaalaa Nanawwe'eetiif malikata akkuma ture akkuma kana Ilmi Namaa'llee dhaloota kanaaf malikata ni ta'a. Mootittiin kibbaa guyyaa murti'ii titti dhaloota kanaan woliin kaatee isa irratti ni murtteesiti, isin'llee ogummaa Solomoonii dhagayu'uuf daangaa biyya lafaatii dhufittee jirtti, garuu kunoo, ka Solomooniin caalu asi ni jira. Akkuma kana namoonni magaalaa Naanayee guyyaa murti'ii titti dhaloota kana woliin ka'anii isa irratti ni murtteessan, namoonni Naanayee lallaba Yoonaasii yeroo dhagayanitti, cubbuu isaaniitiin gaabbanii gara Waaqaa titti deebi'anii jiran, garuu kunoo, ka Yoonaasiin caalu asi ni jira.» Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Ibisaa ibisee bakka dhossa'aa ka kaayu, yookiin ginddoo ka itti gonbbisu eennu'llee hin jiru, kana irra namoonni gara keessaa yoo aseenan akka isaatti muldhatutti, ol fageessanii baattuu ibisa'aa irra ni kaayaan. Ibisaan qaama keetii ija teetti, ijji tee fayyaalettii yoo ta'e qaaminni kee guutuun ka ifaan guuttame ni ta'a, ijji tee dhukkubisataa yoo ta'e garuu, qaaminni kee guutuun dukkana ni ta'a. Kanaaf ifin si keessa jiru dukkana akka hin taaneef, ufi eeggadhu. Eegaa qaaminni kee guutuun dukkanni woyiituu uduu itti hin jiraatin ifaan ka guuttame yoo ta'e, garri ati qabddu marrinuu akka waan ibisaan ifa isaa si'iif caaralluu titti, ifa guddaa ni ta'a.» Yesus kana yeroo dubbatutti Farisichi tokko laaqana ni afeereen, gara mana Farsichaa'llee aseenee laaqana nyaachu'uuf gara qori'ii ni dhiyaate. Yesus'llee laaqana nyaachu'uun duranatti harka isaa waan hin miicatniif, Farisichi ni maalalffate. Kanaaf Gooftaan Yesus akkana ni jedheen, «Isin Fariisonni duuba kubbaaya'aatii fi qori'ii'llee qulqulleesitanii ni miican, keessa keessantti garuu saamichaa fi hammeenni, isinitti guutee jira. Isin yaa gowwoota! Waaqinni ka duubanaa uume, ka keessaa hoo hin uuminne moo? Burcuqqo'oo fi qorii keessan keessa waan jiru hiyyeesotaaf kennaa, kanaan duubatti wonitti marrinuu qulqulluu isiniif ni ta'a.» Isin Fariisonni isinii uunsha'a! Gara tokkoon amssuuda'aa fi sunkurttaa keessaa'llee, biqilttoota adda addaa didiqqoo irraa'llee kudhan keessaa harka tokko ni baafittan, gara bira'aatiin garuu murtii sirri'iitii fi jaalala Waaqaa ni dhiifittan, san yoo raawwattan kana'llee dhiisuun isin irra hin jiru ture. Isin Fariisonni isinii uunsha'a! Bakka wolgayi'ii keessa barcumaa ulfinnaa irra taa'uu ni jaalatan, akkuma kana bakka yaa'ii'iitii fi bakka gabaya'aa titti, akka naminni marri gad jedhee nagaya isin gaafatuuf, ni barbaadan. Namoonni uduu hin beekin malikata ittiin deeman awwaalli hin qabnne waan fakkaataniif, isinii uunsha'a! Barsiisota seeraa keessaa tokko Yesusiin, «Yaa barsiisaa, kana yoo jettu nu'llee arrabissuu keeti bee!» jedheen. Yesus'llee akkana ni jedhe, «Isin'llee barsiisonni seeraa isinii uunsha'a! Nama irratti fe'aa ulffaataa ni feetan, isin garuu ba'aa harkaanuu hin tuxxaniin. «Akkuma kana nabiyyoota abbootiin keessan ajjeesaniif, awwaallan isaanii bareechisu'uun ka hojjattan waan taataniif isiinii uunsha'a! Eegaa nabiyyoota abbootiin keessan isaan ajjeesaniif awwaala isaanii hojjachiisuu keessaniin isin hirmmaattotaa hujii hamaa isaaniitiif isin ragoota.» Sababaa kanaan'llee ogummaan Waaqaa akkana ni jetti, nabiyyootaa fi ergamittoota'llee gara isaanii ni erga, tokko tokko isaanii ni ajjeesan, worra hafan'llee ni ari'atan, Biyyi lafaa yeroo uumamittee jala qabee dhiiga jige ka nabiyyootaatiif, dhaloonni kun murti'iin itti ni gaafatama. Dhugamaanuu isinitti hima, Abeeliin irraa jala qabee furddaa fi Mana Waaqeffanna'aa jiddu'utti haga ka ajjeefame haga Zakaariyaasii titti, waayee dhiiga jigeetiif dhaloonni kun murti'iin itti ni gaafatama. «Isin barsiisonni seeraa isinii uunsha'a! Furttuu balbala beekkomisaa ka ta'e furttuu dhuga'aa qabatanii jirttan, garuu isin mataan keessanuu hin aseenne, aseennuu worra barbaadan'llee akka hin aseenne ni dhoogitan.» Yesus bakka sanii deemu'uuf yeroo ka'etti, barsiisonni seeraatii fi worri Fariisotaa'llee isa mormmu'uu fi gaafii baayi'ee'llee, dhiyeessu'uufii jala ni qaban, kana'llee ka taasisaniif haasayuma isaatiin, isa qabu'uuf barbaadaniiti. Yeroo sanitti namoonni kuma baayi'e'etti lakkaayaman wol ni gayan, baayi'inna isaanii irraa'llee ka ka'een ufii isaaniitii wol hacuuca'aa wol dhidhiitan ture, Yesus'llee durssee barattoota isaatiin akkana jechuu jala ni qabe, «Shiishaa worra Farisotaa jechu'uun'llee, fakkeessitummaa isaanii irraa ufi eeggadhaa jechu'u. Wonitti haguugame irraa mulqamin isaa hin hafu, wonitti bade'llee uduu hin beekkamin hin hafu. Kanaaf ka dukkanatti dubbatan marrinuu ifatti haa dhagayamu, mana cufamaa keessatti gurratti hasaassi'iin ka dubbattan'llee, mana wol irroo keessatti ifaan ni dubbatama.» Isin waaheloota kiyyaan akkana ni jedha, foon ajjeesu'uun alatti waan bira'aa womaayyuu taasisu'uuf ka hin danddeenne, hin sodaatinaa, Garuu eennuun sodaachuun akka malu isinitti ni hima, kun'llee eega ajjeeseen duubatti gara ibidda asaabaa titti gatu'uuf aangoo ka qabu Waaqa, ee, isuma qofa sodaadhaa isiniin jedha! «Sinbirroonni shishiikkoon shanii saantibii kudhaniitiin ni gurguuramanii mitii ree? Isaan keessaa takkattimmaanuu Waaqa duranatti, ka dagatamttee miti. Keessan ammoo rifeenissi mataa keessan marri'llee ka laakkaayame, kanaaf hin sodaatinaa! Isin sinbirroota shishiikkoo baayi'ee ni caalttan.» Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Uduu hin saalifatin nama duranatti ka ragaa naa bayuuf, ani'llee ammoo maleyikkoota Waaqaa duranatti, ragaa ni bayaaf isiniin jedha. Nama duranatti ka ana waakkatuuf ani'llee ammoo, maleyikkoota Waaqaa duranatti isa ni waakkadhaan.» Ilma Namaa irratti dubbii arrabaa ka dubbatu yoo jiraate balleessaa isaatiif dhiifaminni ni taasfamaaf, Hafuura Qulqulluu irratti dubbii arrabaa ka dubbatu yoo jiraate garuu, balleessaa isaatiif dhiifaminni hin taasfamuuf. «Namoonni gara bakka wolgayi'ii isaanii isin fidu'uuf, worra bittootaa fi bulchitootaa duranatti'llee murti'iif yoo isin dhiyeessan, ‹maal deebifinna? Attamitti'llee dubbanna?› jettanii, hin sarddaminaa. Waan dubbachuun isin irra malu yeroo sanitti, Hafuurri Qulqullu'uun isinitti ni hima.» Ummata jiddu'uu naminni tokko Yesusiin, «Yaa barsiisaa, qabiyyee abbaan keenna nu dhaalchise akka naa qoodu'uuf, yabo'oo obboleessa kiyyatti naa himi» jedheen. Yesus garuu, «Yaa namana, isin jiddu'utti murtii kennaa akka ta'uu fi qabiyyee akka qooduuf, eennutu ana muude?» jechu'uun ni deebiseef. Itti aanssee isaan maraanuu akkana ni jedhe, «Lubbuun namaa baayi'inna qabeennatiinii miti, kanaaf ufi eeggadhaa, dondhummaa irraa'llee, ufi eegaa.» Kanaan duubatti Yesus fakkeenna kana akkana jechu'uun isaanitti ni hime, «Qonni isaa callaa baayi'ee ka isaa arigamisiiseef namicha dureessa tokkotu jira ture, «Inni'llee yaada isaa titti, ‹midhaan kana mara bakka itti wolitti qabu waan hin qabnneef, maal haa taasisu?› jedha'aa, ni yaada ture. Kana'llee ni jedhe, ‹akkana haa taasisu, gootaroota kiyya maraa diigeeti, kaanniin bira'aa gootaroota guguddaa ni hojjadha, achitti'llee midhaan kiyyaa fi qabeenna kiyya mara, wolitti qabee ni kuufadha. Kanaan duubatti'llee mataa kiyyaan, kunoo woggaa baayi'e'eef ka gayu qabeenna baayi'ee ni qabdda, eegaa boqannaa taasisu'uun bashannan! Nyaadhu! Dhugi! Gammadi'lle'e! ni jedhaan› jedhe. «Waaqinni garu, ‹ati gowwaa nana, adha halkan kanatti lubbuun kee si irraa ni fudhatamitti, eegaa qabeenni wolitti qabdde kun marri eennuuf ta'a?› jedheen. «Mataa isaatiif arddii irratti qabeenna ka wolitti qabatu, Waaqa duranatti garuu naminni hiyyeessa ta'e, akkanuma kana ni ta'a.» Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Kanaaf lubbuu keessaniif, ‹maal nyaanna? Qaama keessaniif'llee maal uffanna?› jechu'uun, waayee jireenna keessaniitiif hin sarddaminaa isiniin jedha. Nyaata irra lubbuun, uffata irra'llee qaaminni ni caala. Mee sinbbirroota laalaa! Isaan hin facaasan yookiin hin haaman, bakka midhaan itti kuufataa yookiin gootaraa hin qaban, haa ta'u malee Waaqinni isaan ni soora, isin ammoo sinbirroota dachaa baayi'een ni caalttan! Haa ta'u malee isin keessaa sarddamu'uun umrii isaa irratti guyyaa tokkoo, dabalu'uuf ka danda'u eennu? Eega waanuma diqqittii kanaa raawwachu'uuf ka hin dandeenne yoo taatan, waayee maali'iitiif waan bira'aatiin sarddamittan ree? «Abaabonni raasa'aatuu attamitti akka guddatan mee laalaa, isaan huji'iin hin dadhaban, hin fooyan, haa ta'u malee Solomoonuu ulfinna isaa san maraan, isaan keessaa akkuma takkaa tittuu, uffata bareede hin uffanne. Eegaa, Waaqinni adha muldhatee boru gara ibiddaa keessatti ka gatamu, marga raasa'aa akkanatti bareechisee itti ka ufisu eega ta'e, isin worra amantiin isinitti dhidhate nana, isin ammoo hoo attamitti kana caalchisee isinitti hin uffifnne!» «Kanaaf, ‹maal nyaanna? Maal'llee dhuginna?› jettanii yaadu'uun, hin sarddaminaa. Kana argachu'uuf ammoo namoonni biyya lafa kanaa'llee ni sarddaman, isin garuu kun marrinuu akka isin barbaachisu Abbaan keessan ka sami'ii ni beeka. Kana irra Mootummaa Waaqaa barbaadaa, wonittoonni kunniin marrinuu isiniif ni dabalaman.» «Isin akka gobbuu maandha'aa ka taatan worri kiyya hin sodaatinaa, Abbaan keessan ka sami'ii mootummaa isinii kennu'uuf jaalatee jira. Waan qabddan maraa gurgura'aatii qarshii hiyyeesotaaf kennaa, korojoo hin moofinne ka qarshi'ii'llee qopheeffattanii, qarshii keessan bakka hattuun bira gayuu hin dandeenne, bakka biliin'llee itti hin nyaannee fi gonkumaa bakka itti hin dhuminne, Mootummaa Sami'ii kaayaa. Qarshiin keessan bakka jirutti, onneen keessan'llee achuma ni ta'a.» Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Gabaaba'aan hidhadha'aatii yeroo maraa huji'iif qophaayaa, ibisaan keessan'llee ka ife haa ta'u. Akkaataa kanaan'llee gooftaan isaanii mana cidhaatii deebi'uu isaa tajaajilttoonni eeggataniin fakkaadhaa, isaan'llee gooftaan isaanii dimmaa dhufee balbala yeroo dhadhayutti, dadafaanii banu'uuf qophaayota. Isaan worri yoo gooftaan isaanii dimmaa dhufetti worri dammaqanii uduu isaan eeggatan, isaan arggatu tajaajilttoonni isaan attami ka galateeffataman? Dhugamaan isiniin jedha, inni gabaabnnaan hidhatee nyaataaf isaan ni teesisa, dhiyaatee'llee isaan ni tajaajila. Gooftaan isaanii halkan qixxe'een, yookiin halkan qixxe'een duuba yeroo dhufetti, dammaqaniitii fi hisatanii uduu isa eegan, tajaajiltoonni inni isaan argatu ka eebbifaman? Akkuma kanaan'llee kana beekaa, naminni tokko saa'aatii hattuun itti dhufu uduu beekeetii, hattuun mana isaa qotee akka aseenuuf hin dhiisuun ture. Ilmi Namaa'llee saa'aatii isin hin yaadatnitti dimmaa ni dhufa, kanaaf isin'llee qophaaya'aatii isa eegaa.» Phexiros'llee, «Yaa Gooftaa! Fakkeenna kana ka dubbattuuf nu'u qofaafii moo? yookiin marumaaf?» jechu'uun, Yesusiin ni gaafateen. Gooftaan Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Eegaa, maatii isaa akka ta'utti isaan haa bulichu'uu fi tajaajiltoota isaatiif'llee nyaata isaanii yeroo ramadametti akka isaanii kennuuf, tajaajilaa gooftaan isa muudeen amanama'aa fi qaruuteen eennu? Gooftaan isaa bakka dhaqee yeroo deebi'utti akkuma ajajame uduu raawwatu tajaajilaan inni argatu, attami ka eebbifame! Dhugamaan isiniin jedha, tajaajilaa san itti gaafatamaa qabeenna maraa taasisee, ni muudaan. Garuu tajaajilaan sun, ‹gooftaan kiyya dadafee hin dhufu ni tura› jedhee yaadu'uun, nyaata'aa, dhuga'aa, machaaya'aa'llee tajaajilttoota dhiiraa fi dubarttootaa dhaanuu jala ni qaba. Haa ta'u malee gooftaan isaa guyya'aa fi saa'aatii itti hin eegaminitti dimmaa ni dhufa, tajaajilaa san'llee ciminnaan ni adabaan, carraa isaa'llee sobddootaan woliin akka ta'u ni taasisa.» «Fedhii Gooftaa isaa beeka'aa ka hin qophaayin yookiin ajaja Gooftaa tajaajilaan isaa ka hin raawwatin, ciminnaan ni adabama. Garuu fedhii Gooftaa isaa beekuu dhabu'uun, waan adabsiisu raawwatee yoo argame, adabbiin ni salphataaf, nama baayi'een kennameef irraa baayi'een isa irraa ni barbaadama, yaboon baayi'een nama itti kenname irraa'llee, wonitti baayi'een ni eegama.» Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Kunoo! Ani arddii irratti ibidda fidee jira, eegaa dafee yoo naaf bobayee attamitti jaaladha ture! Garuu ani ka cuuphamu cuuphama sarddamaa ni qaba, inni'llee haga raawwatamutti boqannaa hin qabu. Ani arddii irratti nagaya waan fide isinitti fakkaata moo? Ani ammoo ka fide addaan fooyaman malee, nagayaa miti isiniin jedha. Amma irraa jala qabee maatii tokko keessa ka jiran namoonni shanii adda ni fooyaman, sadiin lamaan irratti, lamaan'llee sadiin irratti ka'anii wol ni dhaban. Abbaan ilma isaa irratti, ilmi'llee abbaa isaa irratti, haati mucattii isi'ii ta intala irratti, mucattiin intaltti'llee haadha isi'ii irratti, sodaatiin intala ilmaa isi'ii irratti, intaltti ilmaa'llee soddaatii isi'ii irratti ka'uun, adda ni fooyaman.» Akkuma kana Yesus ummataan akkana ni jedhe, «Duummessa gara dhiyaatiin yoo argitan bakkumatti, ‹kunoo, adha roobu'uuf!› ni jettan, dhugamaanuu ni rooba. Akkuma kana bubbeen gara kibbaatiin yeroo bubbisutti, ‹adha oo'a ni ta'a› ni jettan, dhugamaanuu ni ta'a. Isin fakkeessitoota nana, bifa arddi'iitii fi sami'ii laalu'uun waan ta'u ni beekitan, eegaa bara ammaa kanatti waan ta'u maali'iif hin beekinnee?» Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Eegaa waayee maali'iitiif isin mataan keessanuu, waan sirrii ta'e beekitanii hin murteessine? Mormmataan kee si himatee gara mana murti'ii yeroo si fidutti uduma karaa irra jirtu, mormmataa keetiin woliigalu'uuf tataafadhu, yoo kana ta'uu dhabaate garuu gara abbaa seeraa harkisee si ni fudhata, abbaan seeraa'llee ka hidhuuf dabarssee si ni kenna, ka hidhu'llee gara mana hidha'aa si ni aseensisa. Adabbii kee mara'llee xumurttee uduu hin kafalin, mana hidha'aatii bayuu akka hin dandeenne'llee, sitti ni hima.» Yeroo sanitti namoonni gara Yesusii dhufanii, «Namoonni Galiila'aa ciinccaa yeroo dhiyeessanitti Philaaxos isaan ni ajjeese, dhiiga isaanii'llee ciinccaa isaaniitiin wolitti ni make» jechu'uun, itti ni himan. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Eegaa namoonni Galiila'aa kunniin, badiin kun isaan irra ka gaye, namoota Galiila'aa kanniin irra caalaa cubbamoota waan turaniif, sanitti fakkaataa ree? ‹Miti, gara Waaqaa deebi'uu yoo dhabaattan, isaan'llee akkuma isaanii ni baddan› isiniin jedha. Saaliihoom'tti kaabaan dhaga'aa isaanitti jigee ka du'an, waayee namoota kudha saddeetii maal yaaddan? Isaan namoota Yerusaalemiin jiraatan mara irraa caalaa cubbamoota waan turaniif, isinitti fakkaata ree? Miti! Gara Waaqaa titti deebi'uu yoo dhabaattan, isin'llee akkuma isaanii titti ni baddan, isiniin jedha.» Kanaan duubatti Yesus fakkeenna kana isaanitti ni hime, «Naminni tokko bakka biqilttuu woyinni'ii keessatti ta dhaabamitte mukattii harbbu'uu takka ni qaba ture, mukattii harbbu'uu san irraa'llee firii ni arigadha jedhee yoo dhaqu, firii woyiituu uduu hin arigatin ni hafe. Kanaaf hojjataa biqilttu'uu, ‹kunoo, mukattii harbbu'uu tana irraa firii argachu'uuf woggaa sadihii guutuu ni dedeebi'e, garuu firii woyiituu isi'ii irratti hin arganne, amma garuu muri! Waayee maali'iitiif lafa balleessiti?› jedheen. «Hojjataan biqilttu'uu garuu akkana jechu'uun ni deebise, ‹yaa Gooftaa! Mee woggaa kanaaf ammoo dhiisiin, naannoo isi'ii qotee xaa'oo itti ni buusaaf, Woggaa dhufuuf firii yoo kennite misha'a, kana ta'uu yoo dhabaate garuu ni muramitti› jedhe.» «Yesus Guyyaa Sanbbata diqqa'aatiin bakka wolgayi'ii isaanii keessaa, tokkotti ni barsiisa ture, achiin duubatti'llee woggaa kudha saddeetii jala qabee hafuurri battiin dudda isi'ii ka gopheesseen dubarttii takkatu jira ture, isiin'llee hiin isi'ii gophuu isaatiin, ol jedhu'uuf gonkumaa hin dandeettu turtte.» Yesus yeroo isii arge waameeniiti, «Dubarttii nana, dhukkuba kee irraa fayyitee jirta!» isi'iin jedhe. Harka isaa isii irra ni kaaye, bakkumatti qajeelttee ni dhaabatte, Waaqa'llee ni galateeffatte. Yesus guyyaa Sanbbata diqqa'aatiin waan fayyiseef itti gaafatamaan bakka wolgayii isaanii dallaneeti ummataan, «Torbaan keessatti hujiin ka itti hojjatamu guyyoota jahatu jira, guyyoota kanniintti koota'aatii fayyaa, guyyoota Sanbbata diqqa'aatiin garuu hin ta'u» jedhee dubbate. Gooftaan Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Isin fakkeessitoota nana, isin keessaa hoo tokko tokkoo keessan guyyaa Sanbbataatiin qotiyyoo isaa bakka itti cufamee baasee, yookiin harree isaa bakka itti hidhamee hiikee, gara bakka bishaan itti obaasuu ni fidaanii mitii? Kunoo, fiixaa Abrahaamii ka taate dubarttiin tun woggaa kudha saddeetii guutuu, sheexanaan hidhamttee sarddama'aa jiraattee jirtti, eegaa, bakka isiin hidhamttee ittiin makkaraarttuu guyyaa Sanbbataatiin hiikamuun isi'iin irraa hin maluu ree?» haasaya isaa kanaan'llee Yesus mormmitoota isaa maraa ni saalifachiise, ummanni garuu waan baasaa ka Yesus taasise maraan, ni gammade. Yesus akkana ni jedhe, «Mootummaan Waaqaa maali'itti fakkeefamitti? Yookiin maali'iin wolitti isii bikkaan? Naminni tokko bakka biqilttuu isaa keessatti ka facaase, firii suuniffa'aa ni fakkaatti, isiin'llee guddattee muka ni taate, sinbirroonni'llee dameewwan isi'ii irratti mandhee isaanii ni ijaaratan.» Yesus'llee deebi'ee akkana ni jedhe, «Mootummaa Waaqaa maali'iin wolitti isii bikkaan? Mootummaan Waaqaa, dubarttii takka ta miciqaa maraa akka isi'ii bukaayuuf, daakuu safarttuu sadihii keessatti shiishaa micixxe ni fakkaati.» Kanaan duubatti Yesus gara Yerusaalemii yoo deema'aa jirutti, magaala'aa fi baadiyya'atti'llee barsiisa'aa ni dabrra ture. Yeroo sanitti naminni tokko, «Yaa Gooftaa, ka fayyan namoota muraasa moo?» jechu'uun ni gaafateen, Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Balbala dhipo'oon aseenu'uuf tataafadhaa, balbala kanaan aseenu'uuf worri barbaadan baayi'eewwan, garuu aseenu'uuf hin danda'an, isiniin jedha. Abbaan manaa ka'ee balbala ni cufa, isin'llee balbala dhaabattanii balbala dhadhayu'uun, ‹yaa Gooftaa! Yabo'oo nuuf bani!› jechuu jala ni qabddan, inni'llee, ‹eessaa akka dhufittan hin beeku!› jechu'uun, isinii ni deebisa. Yeroo sanitti isin, ‹si'iin woliin nyaannee jirra, woliin'llee dhuginnee jirra, yaa'ii keennaa titti'llee barsiifitee jirta› ni jettaniin. Inni'llee irra deebi'ee, ‹eessaa akka dhufittan hin beeku, isin hamaa raawwattoonni marrinuu, ana irraa fagaadhaa!› isiniin ni jedha.» Abraahaamiin, Yishaaqiin, Yaaqoobiin, nabiyyoota mara'llee Mootummaa Waaqaa titti isaan ni argitan, isin garuu alatti gatamttanii yoo hafittan, booyaa fi ilkaan qariinissi isin irra ni gaya. Namoonni baayi'een baya adu'uutii fi dhiyaa, kaabaa fi kibbaa ni dhufan, Mootummaa Waaqaa titti'llee nyaataaf ni taa'an. Kanaaf worri duuba irraa dursitoota ni ta'an, dursitoonni worra duuba irraa ni ta'an. Yeroo sanitti worri Farisotaa tokko tokko gara Yesusii dhufanii, «Heerodis si ajjeesu'uuf ni barbaadaatii, asii baayii deemi!» jedhaniin. Yesus garuu akkana isaaniin ni jedhe, «Deema'aatii Jeedala saniin, ‹adhaa fi boru jinniiwwan ni baasa, dhukkubissattoota ni fayyisa, guyyaa sadaffaa titti'llee hujii kiyya ni raawwadha› jedha, jedha'aanii. Haa ta'u malee adhaa fi boru boruun duubatti'llee, adeemissa kiyya gara Yerusaalemii itti fufuu qaba, nabiyyiin Yerusaalemitti malee bakka bira'aa titti du'uun isaan hin maluun.» «Yerusaalem! Yaa Yerusaalem! Ati ta nabiyyoota ajjeefittu, ergamoota gara kee ergaman'llee dhaga'aan ta woqartu, akkuma lukkuun cuucii isi'ii koola isi'ii jalatti wolitti qabddutti, ani'llee yeroo meeqa ijoollee tee wolitti qabu'uuf ni barbaade! Atii fi ummanni kee garuu ni diddan. Kanaaf manni keessan ona ta'e ni hafa, dhugamaan isiniin jedha, ‹ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame› haga jettantti, gonkumaa ana hin argtan» jedhe. Guyyaa Sanbbataatiin Yesus, itti gaafatamoota Fariisotaa keessaa gara mana tokkoo laaqana nyaachu'uuf ni aseene, Fariisonni garuu waan inni raawwatu laalu'uuf, ni eeggataniin ture. Yeroo sanitti'llee waayee dhukkubisataatiin qaaminni isaa guutuun ka iitaye, naminni tokko Yesusiin durana ni ture. Yesus'llee barsiisota seeraatii fi Fariisotaan, «Guyyaa Sanbbataatiin fayyisuun seeraan eeyyamamee jira moo? yookiin hin eeyyamamnne?» jechu'uun, isaan ni gaafate. Isaan garuu womaayuu uduu hin deebisin ni caldhisan, Yesus'llee namicha dhukkubisate qabee isa fayyiseeti, ni geegesseen. Itti aansee'llee Yesus, «Isin keessaa guyyaa Sanbbataatiin ilmi isaa yookiin qotiyyoon isaa boolla keessatti yoo jalaa kufee, bakkumatti ka hin baafinneen eennu?» jechu'uun, isaan ni gaafate. Isaan garuu deebii woyiituu kennuu, hin dandeenne. Yesus namoonni afeeri'iif waamaman bakkee ulfinnaa qabachu'uuf yoo wol durssan ni arge, kanaaf fakkeenna kana akkana jechu'uun isaanitti ni hime, «Naminni tokko afeerrii cidhaatiif yoo si waame, bakka ulfinnaa hin taa'in, yookiin nama si caalaa ulfinna qabutu waamamee jira ta'a, eegaa isin lamaanuu naminni afeere gara kee dhufee, ‹bakkee kana nama kanaa gadi dhiisiif!› siin ni jedha, yeroo sanitti saalfata ol aana'aan, gara bakka gad aana'aa buutee, ni teetta. Garuu afeerri'iif yeroo waamamitte deemittee bakka gad aanttuu taa'i, yeroo sanitti naminni si waame gara kee dhufee, ‹yaa waahela kiyya! Gara bakka ol aanaa kanaa koottuu taa'i!› siin ni jedha, yeroo sanitti afeeramittoota kaanniin mara duranatti, ulfinna ni argatta. Mataa isaa ka ol qabu ni salphata, mataa isaa ka salphisu garuu, ol ni jedha.» Yesus namicha afeerittichaan ammoo akkana isaan ni jedhe, «Afeerrii laaqanaa yookiin irbaata yeroo taasfttanitti harka isaanii deebisu'uuf koree isaaniitiin worra si afeeran waahellan kee, obboleeyyan kee, firoota kee, olloota kee dureeyyii'llee hin waamin, «Garuu yeroo afeerrii taasfttutti hiyyeeyyii, qaama miidhamttoota, naafota, namoota jaamota'llee waami. Kana yoo raawwatte isaan harka si deebisu'uuf waan hin dandeenneef, ka eebbifamitte ni taata. Yeroo du'aa ka'iinssa worra qulqullaayotaa titti'llee, Waaqinni siif ni kafala.» Nyaataaf ta'anii worra turan keessaa tokko waan Yesus dubbate dhagayee, «Mootummaa Waaqaa titti nyaataaf taa'uu ka danda'u, inni attami ka eebbifame!» ni jedhe. Yesus garuu akkana ni jedheen, «Naminni tokko afeerrii irbaataa guddaa qopheessee, namoota baayi'ee ni waame, saa'aatiin afeerri'ii yeroo gayetti'llee, ‹kunoo wonitti marrinuu qophaayee jiraatii gara afeeri'ii koottaa!› jedhee, akka isaanitti himuuf, affeeraan tajaajilaa isaa gara namoota waamamanii titti, ni ergeen.» «Garuu tokko tokkoon afeerama'aa afeerrii irraa hafu'uuf sababa kennuu jala ni qabe, tokko ‹lafa waan biteef deemee laaluu qaba, kanaaf dhufu'uuf hin danda'uutii, dhiifama naa taasis› jedheen. «Ka bira'aa, ‹qotiyyoo ximmaada shanii waan biteef isaan leenjisuu qaba, kanaaf dhufu'uuf hin danda'uutii, dhiifama naa taasis› ni jedheen. «Ka bira'aa ammoo, ‹haadha worraa fuudhee idaayyaa waan ta'eef, dhufu'uuf hin danda'u› jedhe.» «Tajajilaan'llee gara manaa deebi'ee kana maraa Gooftaa isaa titti ni hime, abbaan manaa'llee dallanee tajaajila'aan, ‹dadafiitii gara karaawwan magaala'aatii fi dalggaa maraa deemi, hiyyeesota, qaama miidhamttoota, jaamota, hokkolttoota'llee, waamiitii naa fidi› jedheen. «Tajaajilaan'llee deebi'ee dhufeeti Gooftaa isaatiin, ‹yaa Gooftaa! Kunoo waan ana ajaje maraa raawwadhee jira, haa ta'u malee amma'llee bakki duwwaan ni jira› jedhe. «Kanaaf gooftaan abbaa manaa tajaajila'aan akkana ni jedheen, ‹manni kiyya akka guutuuf gara karaawwan baadiyyaa fidaniitii fi karaa gara baadiyya'aa fidu mara deemiitii, akka dhufan taasis! Sanniin namoota waamamanii turan keessaa tokko'llee afeerrii kiyya afaaniin hin qabu!› jedhe, isiniin jedha.» Ummanni baayi'een Yesusiin woliin ni deeman turan, inni'llee gara isaanii deebi'eeti akkana isaaniin ni jedhe, «Gara kiyya ka dhufu marrinuu abbaa isaatii fi haadha isaa, haadha worraa isaatii fi ijoollee isaa, obboleeyyan isaatii fi obboleettiiwwan isaa, lubbuma mataa isaatuu ana caalsisee ka jaalatu yoo ta'e, barataa kiyya ta'uuf hin danda'u. Fannoo mataa isaa baatee ka ana hin horddofinne, barataa kiyya ta'u'uuf hin danda'u.» «Isin keessaa tokko gamoo ijaaru'uuf yoo barbaade, hujii raawwachiisu'uuf qarshii hagamii akka isa barbaachisu, durssee ka hin yaadinne eennuu? Bu'ura isaa buusanii hujii gamo'oo raawwachuun ka hin dandeenne yoo ta'e garuu, mana hafe ka argan marrinuu, itti ni baldan ‹kunoo, naminni kun mana ijaaruu jala qabee raawwachu'uuf hin dandeenne› jedha'aa, itti ni balddan.» «Lolttoota kuma kudhanii nugufnni qabu tokko, loltoota kuma diddamaa ufi duukaa qabatee nugusa dhufu ka bira'aa woliin, wol woraanu'uuf yoo barbaade, jalqaba diina isaa toowachu'uuf ka danda'u ta'uu isaa beeku'uuf, taa'ee ni mari'ata. Ka hin dandeenne yoo ta'e garuu nugusa isa woraanu'uuf dhufuun uduma fagoo jiru, nugufnni kun ergamoota nagayaa gara isaa ergee, araara ni gaafata. Akkuma kana isin jiddu'uu waan qabu maraa anaaf jecha ka hin dhiisin naminni kumi'llee, barataa kiyya ta'uuf hin danda'u.» Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Sooqiddi misha'aa sooqiddi mi'aa sooqiddumma'aa yoo dhabe garuu, maali'iin mi'aayu'uuf danda'aa? Sooqiddi bifa kun lafa qonnaatii fi ta'ee xaa'oof'llee ka hin fayyadinne waan ta'eef, garas baasanii ni gataniin, ka gurra dhagayu qabu, haa dhagayu!» Qaraachota fi cubbamoonni marrinuu barsiisa isaa dhagayu'uuf wol ni gayanii, gara Yesusii dhufanii jiran turan. Fariisotaa fi barsiisonni seera garuu kana arganii, «Kun ammoo cubbamoota ufitti ni fudhata, isaan woliin'llee ni nyaata» jedha'aa, Yesusiin irratti ni guunguman. Kanaaf Yesus fakkeenna kana akkana jechu'uun isaanitti ni hime, «Isin keessaa hoolota dhibbaa naminni qabu, dhibba keessaa tokko jalaa yoo badee sagaltamii sagilanuu bosonatti dhiisee haga ka bade argatutti, soqu'uuf ka hin deeminne eenu? Yeroo argatetti'llee gammadee gurmmuu isaa titti baateeniiti, deebisee ni fidaan. Gara mana isaa yeroo gayetti'llee waahellan isaatii fi olloota isaa bakka tokkotti waamee, ‹hoolaa kiyya ka bade argadhee jiraatii, gammadee jiraa isin'llee ana woliin gammadaa!› isaaniin ni jedha. Gara Waaqaa titti deebi'uu ka isaan malu sababaa cubbamaa tokkootiin, sami'itti akkuma kana gammachuu ni ta'a, isiniin ni jedha.» Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Maalaqa birri'ii kudhanii dubarttiin qabddu, kudhan keessaa maalaqinni takka uduu jalaa badee ibissaa ibisitee, mana isi'ii harattee, maalaqa jalaa bade haga argatutti, ufi eegganna'aan hin barbaadduu ree? Yeroo argattetti'llee waahellan isi'iitii fi olloota isi'ii bakka tokkotti waamittee, ‹meeta birri'ii ka ana jalaa bade argadheenii, gammadee jira, isin'llee anaan woliin gammadaa!› isaaniin jetti. Gara Waaqaa titti ka deebi'u sababa cubbamaa tokkootiin, sami'itti maleyikkoota Waaqaa biratti akkuma kana gammachuu ni ta'a, isiniin jedha.» Itti aanissee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Naminni tokko ijoollee lamaa ni qaba ture, Maandhichi'llee abbaa isaatiin, ‹abbaa, qabeenna kee keessaa qoodii gayaa kiyya naaf kenni!› jedheen. Kanaaf abbaan'llee qabeenna isaa ijoollee lamaaniif addaan ni qoode. Guyyaa muraasaan duubatti maandhichi qabeenna isaa maraa wolitti qabee gara biyya fago'oo ni deeme, biyya sanitti'llee qabeenna isaa mara tasatti ni balleese. Qabeenna isaa maraa eega fixeen duubatti, biyya san beelli cimaan aseenuu isaatiin, rakkinna irra ni bu'e. Kanaaf namoota biyya sanii keessaa gara tokkoo ni dhiyaate, namichi'llee tissee booyyeewwanii ni taasiseen. Hansaraa booyyeewwan nyaatan irraa'llee nyaatee garaa guuttachu'uuf ni hawwa ture, garuu kanuma'llee ka isaa kennu hin jiru ture. Yeroo kanatti mucaan dogoggora isaa hubatee akkana jechu'uun ni yaade, ‹tajaajilttoonni mana abbaa kiyyaa titti mindeeffamanii hojjatan, buddeena haga quufantti nyaatanii ka isaan irraa hafu meeqa! Ani garuu asitti beelaan du'uu kiyya, ka'ee gara abbaa kiyyaa haa deemeeti, abbaa, Waaqaa fi si duranatti'llee balleessee jira, ammaa achitti ilma keeti jedhamuun anaan hin malu, garuu tajaajilttoota mindeeffamoota keetii keessaa, akka tokkoo ana taasisi, haa jedhuun› jedhe. Kanaaf ka'ee gara abbaa isaa ni dhaqe.» Abbaan'llee, «Uduma fagoo jiru ilma isaa ni argeen, garaa laafeefii'llee gara isaa ni fiige, ammateenii'llee ni dhungateen. Ilmi'llee, ‹abbaa, Waaqaa fi si duranatti'llee balleesee jira, ammaa achitti ilma kee jedhamuun, naan hin malu› jedhe. Abbaan isaa garuu tajaajilttoota isaa waamee akkana jedhe, ‹dadafa'aatii uffata maraa caalu fida'aatiifiitii itti uffisaa! Quba isaa titti qubee, miila isaa titti'llee kophee godha'aafii! Mirgoo coome'llee fida'aatii qalaa! Haa nyaannuu, haa gammannuu! Ilmi kiyya kun du'ee ture, kunoo amma lubbu'uun ni jira, badee ture, argamee jira› » gamaduu'llee jala ni qaban. «Yeroo kanatti ilmi hangafaa huji'iif gara bakka qonnaa bayee ture, deebi'ee yoo dhufu gara manaa yeroo dhiyaatetti, qooniqqa meeshaa sirbaatii fi sirbaa'llee ni dhagaye. Tajaajilttoota keessaa tokko waamee, ‹maali'i wonitti?› jedhee ni gaafateen. Tajaajilaan'llee, ‹obboleessi kee deebi'ee waan dhufeef, abbaan kee nagayaan waan isa argateef, mirgoo coome qaleefii jira› jedheen.» «Obboleessi isaa ka hangafaa'llee haalaan dallanee, ‹gara manaa hin aseenu!› jedhe. Kanaaf abbaan gara alaa bayee gara manaa akka aseenuuf ni kadhateen. Ilmi garuu abbaa isaatiif akkana jechu'uun ni deebise, ‹kunoo! Ani woggaa haganaa si tajaajilee jira, ajaja kee jalaa'llee bayee asii fi achi jedhee hin beeku, eegaa ani waaheloota kiyyaan woliin waan ittiin gammadu, ilmmayyooma tokko'llee naa kennitee, hin beekittu! Ilmi kee kun garuu qabeenna kee dubarttoota sagaagalttootaan woliin baashessee yeroo deebi'etti, mirgoo coome ni qaltteef.› Abbaan'llee akkana ni jedheen, ‹yaa ilma kiyya, ati yeroo maraa ana woliin ni jirta, kiyya ka ta'e marrinuu keeti. Obboleessi kee kun garuu du'ee jira ture, amma lubbu'uun ni jira, badee ture, amma argamee jira, kanaaf haalaan gammadu'utu nurra mala.› » Dabalee'llee Yesus barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Naminni dureessi tokko nama mana isaa isaaf bulchu namicha sooru tokko qaba ture, namoonni, ‹namicha sooru kun qabeenna kee ni balleessa› jedhanii, namicha dureessaa irratti ni himataniin. Namichi dureessichi'llee namicha sooru waamisisee, ‹wonitti si irratti dhagayu kun maal'i? Ammaa achitti namicha sooru kiyya ta'u'uuf hin dandeetuutii, qabeenna kiyya ka namicha sooru maatii kiyyaa taate ittiin hojjata'aa turtte, herreega qabeenna kiyyaa naaf dhiyeessi!› jedheen. Namichi sooru'llee onnee isaa titti akkana jechu'uun ni yaade, ‹amma eegaa gooftaan kiyya hujii kiyya ka soortuumma'aa irraa na geegessu'uuf, eegaa maal yoo raawwadhe naaf woyya? Qotu'uuf huminna hin qabu, hin danda'u, kadhachuun ammoo ana saalfachiisa, mee turi! waan raawwadhu ni beeka, hujii kiyya ka soortumma'aa irraa yeroo geegefamutti, waahellan mana isaanii titti ufitti ana fudhatan, akka qabaachuu danda'u ni taasisa› jedhe. «Kanaaf worra liqaa goofta'aa ufi irraa qaban maraa tokko tokkoon waamee, ka jalqabaatiin, ‹Gooftaa kiyyaaf ka kafalttu liqaa hagamiititu si irra jira?› jechu'uun, ni gaafateen.» «Inni'llee, ‹zayiitii waabaa dhibbaa tittu liqaan narra jira› jedhe, namichi sooru'llee, ‹woliigalteen mallateessite kunoot, dafii taa'iitii waabaa shantama jedhii barreessi!› jedheen. «Lamaffaa'llee waamee, ‹kee hoo liqaan hagam?› jedheen. Inni'llee, ‹qamadii kuntaala dhibbaa titti narra jira› jechu'uun ni deebise. Ka sooru'llee, ‹kunoot woliigalteen mallateessite! Kuntaala saddeetama jedhii barreessi!› jedheen. «Gooftaan isaa'llee namicha sooru amantii dhidhise qarummaa isaatiin ni maalalffateen, kun'llee namoota Waaqaa irra namoonni biyya lafaa jireenna isaanii ka biyya lafaatiin, qaruuteewwan ta'uu isaanii ni muldhisa.» «Kanaaf qabeenna dharaa kanaan waaheloota baafadhaa isiniin jedha, kana yoo raawwattan qabeenni keessan isin jalaa dhumee harkaa duwwaa yoo hafittantti, waahellan keessan mana bara baraaf keessa jiraatantti, ufitti isin ni fudhatan. «Waan diqqo'oon naminni amaname waan gudda'aan'llee ka amaname ni ta'a, waan diqqo'oon naminni hin amanaminne garuu, waan gudda'aan'llee hin amanamu. Eegaa qabeenna biyya lafa kanaa bulchu'uun ka hin amanaminne yoo taataan, qabeenna dhuga'aa ammoo eenutu amanee isinitti kenna ree? Dabalee'llee qabeenna nama bira'aatiin ka hin amanaminne yoo taatan, qabeenna isiniif ta'u hoo, eennutu isinii kennaa?» «Naminni tokko yeroo tokkoon goofttota lamaaf tajaajiluu hin danda'u, kana eega ta'e, tokko jibbee kaan ni jaalata, tokko kabajee, kaan ni tufata, akkuma kana Waaqaa fi qabeennaa bitamu'uu hin dandeettan.» Fariisonni worra qarshii jaalatan waan turaniif, waan Yesus dubbate maraa dhagayanii, itti ni baldan. Inni garuu akkana isaaniin ni jedhe, «Isin namoota duranatti mataa keessan qulqullaayomaa ni fakkeesitan, Waaqinni garuu onnee keessan ni beeka, nama duranatti ulfinna qaba fakkaatee ka muldhatu, Waaqaa duranatti ka jibbame.» Yesus haasaya isaa itti fufu'uun akkana ni jedhe, «Kitaabban seeraatii fi nabiyyootaa haga Yohaannisii cuupha'aa titti dubbatama'aa turanii jiran, achii asitti'llee ka dubbatama'aa jiru dubbii gammachuu Mootummaa Waaqaati, tokko tokkoon namaa'llee gara Mootummaa sanii titti aseenu'uuf tataaffii cimaa ni taasisa. Haa ta'u malee, seera keessaa tuqaan takkaanuu baduu irra, sami'ii fi arddiin uduu dabrranii salphaa ni ta'a.» «Haadha worraa isaa gad dhiisee ka dubarttii bira'aa fuudhu marrinuu ni sagaagala, akkuma kana ka dubarttii abbaa worraa isi'iitiin gad dhiifamitte ka fuudhu'llee, ni sagaagala.» Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Uffata goga'aa diima'aa fi uffata haphii ka uffatu, nama dureessa tokkotu jira ture, inni'llee guyyama guyya'aan jireenna qanani'iin ni jiraata ture. Qaaminni isaa guutuun mada'aan ka fudhatame Alaazaar ka jedhamutu hiyyeessi tokkotu ammoo, balbala isaa ciisee jira ture, hiyyeessi kun'llee, hanbbaa qorii dureessichaa irraa harcaatu nyaachu'uuf ni hawwa ture, sariin'llee dhufanii madaa isaa ni arraaban turan.» «Kanaan duubatti'llee namichi hiyyeessaa ni du'e, maleeyikkoon'llee gara ammuu Abrahaamii ni fidaniin, akkuma kana namichi dureesschi'llee du'ee ni awwaalame. Siioolitti'llee makkaraara'aa uduma jiru, ol jedhee Abrahaamii fi ammuu isaa keessaa ka jiru, Alaazaariin fago'otti ni arge. Qoonqqa isaa'llee ol fudhatee akkana ni jedhe, ‹yaa abbaa Abrahaam! Yabo'oo garaa naa laafi! Arraba ibiddaa kana keessatti akka cimaa sarddama'aa jiraatii, qaccee quba isaa bishaaniin cuuphee, arraba kiyya akka naa qabbaneesuuf, Alaazaariin naa ergi!› » «Abrahaam garuu akkana jedheen, ‹yaa ilma kiyya, ati bara jireenna kee ka biyya lafaa titti waan mishaa baayi'ee argattee akka gammade yaadadhu, Alaazaar garuu rakkinna irra ture, kanaaf amma inni asitti yoo gammadu ati ni makkaraartta. Kana maraayyuu olitti nu'uu fi isin jidduu qilee gudda'atu jira, kanaaf nu biraa gara keessan, isin biraa gara keenna'llee, ce'uuf ka danda'u eennu'llee hin jiru.› Namichi dureesi'llee akkana jedhe, ‹yaa abbaa, eegasuu yabo'oo Alaazaariin gara mana abbaa kiyyaa titti akka ergadhuuf si ni kadhadha, achitti'llee obboleeyyan shanii waan qabuuf, isaan ammoo gara bakka makkaraarnnaa kana akka hin dhufinneef, dhaqee isaan ufi haa eeggachiisu› jedhe.» «Abrahaam garuu, ‹isaaniif Muse'eetii fi nabiyyootaa ni jiran, isaan haa dhagayan!› jedheen. Namichi dureesschi'llee ‹miti! Yaa Abrahaam abbaa, naminni tokko du'aa ka'ee yoo dhaqee fi uduu isaanitti himee garuu, gaabbanii gara Waaqaa titti ni deebi'an› jedhe.» Abrahaam'llee, waan Muse'eetii fi nabiyyootaa jedhan ka hin dhageenne yoo ta'an, naminni tokko du'aa ka'ee uduu isaanitti dubatee'llee, hin amananiin jedheen. Yesus barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Namoota gufachiisanii gara cubbu'uu titti wonittoonni gataniin, dhufuun isaanii hin hafu, garuu gufannoo cubbu'uu ka fidu nama saniif garuu, uunsha'a! Naminni kumi'llee mandhaawwan kanniin keessaa tokko gufachiisuu irra, dhagaan guddaan daakka'aa morma isaa irratti hidhamee, gara garba ciisa'aa titti uduu gatamee isaa woyya ture. Kanaaf mataa keessaniif ufi eeggadhaa! Obboleessi kee yoo si miidhe itti baanadhuun! Balleessaa isaatiin yoo gaabbe'llee dhiifama taasisiif! Guyyaa keessatti yeroo torbaa yoo si miidhee fi guyyaa keessatti'llee yeroo torbaa gara kee dhufa'aa, ‹balleessaa kiyyatti gaabbee jira› yoo siin jedhe, dhiifama taasisiif.» Ergamittoonni'llee Gooftaa Yesusiin, «Yabo'oo amantii nuuf dabal» jedhaniin. Gooftaan Yesus'llee, «Amantii firii suuniffa'aa gayu uduu qabaattaniit, muka harbbu'uu kanaan, ‹asii buqa'iitii garba ciisaa keessatti dhaabadhu!› yoo jettaniinii, isiniif ni ajajama» isaaniin jedhe. Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Isin keessaa tokko ka hujii qonnaa irratti bobbaye, yookiin tajaajilaan hoolota tissuu yoo qabaate, tajaajilaan yeroo huji'ii deebi'e bakkumatti, ‹koottu! Taa'iitii irbaata kee nyaadhu!› ni jedhaanii ree? Kana irra, ‹ka'i! Irbaata kiyya naaf qopheessi, haga nyaadhu fi haga dhugutti'llee, dhaabadhuutii ana tajaajili, kanaan duubatti ati ammoo ni nyaatta, ni dhugidda› jedhaanii mitii? Eegaa, tajaajilaan waan ajajame waan raawwateef, gooftaan isaa waan isa galateeffatu isinitti fakkaata ree? Isin'llee akkuma kana waan ajajamittan maraa yeroo raawwattanitti, ‹nu'u tajaajilttoota hin fayyadinne, ka raawwanne'llee dirqama keenna qofa› jedhaa.» Yesus gara Yerusaalemii yoo deemutti Samaariyaa fi Galiilaa jiddu'uun ni dabrra ture, Gara ganda tokkoo yeroo aseenetti'llee, waashayonni kudhanii gara isaa dhufanii fagoo ni dhaabatan, qonqqa isaanii'llee ol fudhatanii, «Yaa Yesus, yaa barsiisaa, yabo'oo nu fayyisi!» jedha'aa, ni iyyan. Yesus'llee isaan laaleeti, «Deemaa! Qaama keessan qeesotatti muldhisaa!» isaaniin jedhe, Isaan'llee uduma deema'aa jiran, waashayinna isaanii irraa ni fayyan. Isaan keessaa'llee tokko waashayinna isaa irraa fayyuu isaa yeroo argetti, qonqqa ol aana'aan Waaqa galateeffata'aa, ni deebi'e. Yesusiin'llee galateeffata'aa miila isaa jalatti kallachaan ni kufe, inni'llee nama biyya Samrya'aa ni ture. Yesus'llee akkana ni jedhe, «Namoonni waashayinna irraa fayyan kudhan hin turree? Eegaa, sgilan eessa jiran? Waaqa galateeffachu'uuf deebi'ee ka dhufe, nama alaga'aa kana malee, ka bira'aa tokko'llee hin argaminne?» Kanaan duubatti Yesus nama saniin, «Ka'iitii deemi, amantiin kee si fayyisee jira» jedheen. Worri Fariisonni Yesusiin, «Mootummaan Waaqaa yoom dhuftti?» jechu'uun, ni gaafataniin, inni'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Mootummaan Waaqaa ka dhufittu bifa namoonni qophaayanii eegganiinii miti, akkuma kana, ‹kunoo, asi jirtti yookiin achi jirtti› ka jedhamtuu miti, kunoo, Mootummaan Waaqaa jidduu keessan jirtti.» Itti aansee'llee Yesus barattoota isaatiin akkana ni jedhe, «Guyyoota Ilma Namaa keessaa tokko argu'uuf guyyaan itti hawwitan ni dhufa, garuu hin argitan.» Namoonni, kunoo, Kristos asi jira! Yookiin achi jira! isiniin ni jedhan, garuu hin deeminaa, isaan'llee hin horddofinna. Bakakkaan samii irratti yoo falaqqisu daanga'aa haga daanga'aa titti akkuma ifutti, Ilmi namaa'llee yeroo dhufutti akkuma kana ni ta'a, garuu Ilmi Namaa durssee rakkinna baayi'ee fudhachu'uuf, dhaloota kanatti'llee tuffatamu'uu fi ashamuun dirqama. Akkuma bifa bara Noohii ta'etti, Ilmi Namaa yeroo dhufetti akkuma bifa ta'ee titti Ilmi Namaa yeroo dhufutti'llee, akkanuma kana ni ta'a. Haga guyyaa Noohi gara dooni'ii aseenee titti namoonni uduu nyaata'aatii fi uduu dhugan, uduu fuudha'aatii fi wolitti fuusisan'llee ni turan, yeroo sanitti bishaan balleessa'aa dhufeeti, irra garagaleeti mara isaaniituu ni balleese. Akkuma kana ammoo akkuma bifa bara Looxii titti ta'een ni ta'a, yeroo sanitti namoonni uduu nyaatanii fi uduu dhugan, uduu bitanii fi uduu gurguran, biqilttuu uduu dhaabanii fi mana'llee uduu ijaaran ni ture. Garuu Looxi Sadoomii guyyaa itti bayetti, Ibiddaa fi dinniin sami'ii roobee marumaa ni balleesse, Guyyaa Ilmi Namaa itti muldhatutti'llee, akkuma kana ni ta'a. Guyyaa sanitti naminni baaxii mana isaa irra jiru meeshaa mana keessa jiru fudhachu'uuf hin bu'in, naminni bakka qonnaa jiru'llee, gara mana isaa hin deebi'in. Haadha worraa Looxii yaadadhaa! Lubbuu isaa fayyisu'uuf ka barbaadu marrinuu ni dhabaan, lubbuu isaa dabarssee ka kennu marrinuu, ni fayyisaan. Halkan sanitti naminni lamaan siree tokko irra ni rafan, isaan keessaa'llee tokko ni fudhatama, kuun ni hafa, isiniin jedha. «Dubarttoonni lamaa bakka tokkotti woliin ni daakan, takkattiin ni fudhatamitti, tuun ni hafitti. [ Namoonni lamaan bakka qonnaa tokko ni hojjatan, tokko ni fudhatama, kuun ni hafa.»] Barattoonni isaa'llee Yesusiin, «Yaa Gooftaa, garamtti ka fudhataman?» jechu'uun, ni gaafataniin. Inni'llee, «Raqinni bakka jirutti rumichoonni wol ni gayan» jechu'uun isaanii ni deebise. Kanaan duubatti Yesus uduu hin hifatin yeroo mara kadhachuu akka qaban barsiisu'uuf, fakkeenna kana isaanitti ni hime, «Magaalaa tokko keessatti Waaqa ka hin sodaanne, nama'llee ka hin saalfanne abbaa seeraa tokkotu jira ture. Haati hiyyeessaa takka'llee magaalaa san keessa ni jiraatti ture, isiin'llee gara abbaa seeraa dhufa'aa, ‹falmmii mormmataa kiyya woliin qabu'uuf murtii naa kenni!› ni jettiin ture. Inni'llee murtii uduu isi'ii hin kennin yeroo baayi'ee ni ture, maa'ii garuu akkana jechu'uun ni yaade, ‹yoma Waaqa'llee sodachuu, nama'llee saalfachuu yoo dhabaadhe, haati hiyyeessaa tun waan ana gilndifitteef ni murteessaaf, yoo kana ta'uu dhabaate garuu yeroo maraa dedeebi'aa, ana hifachiiftti› jedhe.» Itti aansee'llee Gooftaan Yesus akkana ni jedhe, «Abbaan seeraa hamaan waan dubbate hubadhaa, Waaqinni eegaa, halkanii fi guyyaa iyya'aa ummata isa kadhatan, isaatiif hin murtteessuu ree? Shilla jechu'uun hoo gargaarssa isaa isaan, irraa ni tursiisaa ree? Uduu hin turin dadafaan isaanii ni murtteessa isiniin jedha. Garuu Ilmi Namaa yeroo itti dhufutti, arddii irratti amantii ni argata laata?» Itti aansee'llee Yesus nu qulqullaayota jedha'aa worra dhaadatanii fi kaanniin namoota tuffataniif, fakkeenna kana ni dubbate, «Namoonni lamaa kadhanna'aaf gara Mana Waaqeffanna'aa ni deeman, tokkochi Fariisayicha yoo ta'u kuun ammoo ka qaraxu ture. Farisaayichi dhaabatee onnee isaa titti akkana jechu'uun ni kadhate, ‹yaa Waaqa! Ana akka namoota kaanniinii saamitticha, hamaa, sagaagalaa waan hin ta'iniif, si galateeffadha.› Ani torbaanitti guyyaa lamaa ni sooma, woma kamiin mara keessaayyuu kudhan keessaa harka tokko baasee ni kenna.» «Qaraacichi garuu fagoo dhaabateeti, ol jedhee gara sami'iituu laalu'uufuu hin uggine, garuu harka isaatiin laphee isaa dhaya'aa, ‹yaa Waaqaa kiyya! Ana cubbamaa kana marri!› ni jedha ture. qulqullaayummaa argatee gara mana isaa titti ka deebi'e ka qaraxu kana malee, Fariisichaa miti isiniin jedha, ka mataa isaa ol qabu marrinuu gadi ni jedha, ka mataa isaa gad qabu garuu ol ni jedha.» Yesus akka isaan qaqabuuf namoonni daa'imman gara isaa ni fidan, barattoonni isaa'llee kana yeroo arganitti namootatti ni baanatan. Yesus garuu daa'imman gara isaa waamee akkana ni jedhe, «Mootummaan Waaqaa isaan akkanaa kanniiniif waan ta'eef, daa'imman gara kiyya haa dhufan, isaan hin dhooginaa Dhugamaan isiniin jedha! Mootummaa Waaqaa akka daa'imaa titti naminni ufitti hin fudhatiniin, itti hin aseenu» jedhe. Itti gaafatamoota Yihudotaa keessaa tokko Yesusiin, «Yaa barsiisaa arjjaa, jireenna bara baraa argachu'uuf maal raawwachu'utu narraa mala?» jedhee, ni gaafateen. Yesus'llee, «Maali'iif arjjaa naan jetta? Waaqa tokko malee eennu'llee arjjaan hin jiru. Ajajoota ni beekitta, isaan'llee, ‹hin sagaagalin, hin ajjeesin, hin hatin, dharaan ragaa hin bayin, abbaa keetii fi haadhaa kee kabaji!› ka jedhaman.» Namichi'llee, «Ajajoota kanniin daa'imummaa kiyyaa jala qabee eeggadhee jira» jedheen. Yesus kana yeroo dhagayetti namichaan, «Eegasuu amma'llee waan tokko raawwachu'utu si hafa, waan qabddu maraa gurgurii qarshii hiyeessotaaf kenni, sami'itti qabeenna kuufame ni argatta, achiin duubatti'llee koottuutii ana horddofi!» jedheen. Namichi garuu haalaan dureessa waan tureef, kana yeroo dhagayetti haalaan ni gadde. Yesus'llee namichi akka gadde argee akkana jedhe, «Dureesstootaaf gara Mootummaa Waaqaa titti aseenuun attam rakkisa'a! Naminni dureessi gara Mootummaa Waaqaa titti aseenuu irra, gaalli qaawwa marfe'eetiin uduu dabrreetii saphaa ni ta'a.» Namoonni kana dhagayan, «Eegaa haala kana irraa eennutu fayyu'uuf dandda'a ree?» ni jedhan. Yesus garuu, «Nama biratti wonitti hin dandda'aminne, Waaqaa biratti ni danda'ama» jedhe. Phexiros'llee, «Kunoo, nu'u waan qabnnu maraa dhiifinnee si horddofinnee jirra» ni jedheen. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, waayee Mootummaa Waaqaatiif jedhee mana isaa, yookiin haadha worraa isaa, yookiin obboleeyyan isaa, yookiin maatii isaa, yookiin ijoollee isaa naminni dhiisu, amma biyya lafaa kanatti dachaa baayi'e'een ni fudhata, biyya lafaa ka dhufutti'llee, jireenna bara baraa ni arigata.» Yesus barattoota isaa kudha lamaan gara isaa dhiyeessee, akkana isaaniin ni jedhe, «Kunoo! Gara Yerusaalemii deemuu keenna, waayeen Ilma Namaa nabiyyootaan ka barreeffame marrinuu, achitti ni raawwatama. Inni'llee ummata Waaqaa dhuga'aa titti hin amanneef dabarffamee ni kennama, isaan'llee itti ni baldan, ni arrabsaniin, itti'llee ni tufan. Eega isa dhaananiin duubatti'llee ni ajjeesaniin, garuu guyyaa sadaffaa titti du'aa ni ka'a.» Barattoonni isaa garuu waan kana mara keessaa tokko'llee hin hubanne, dhossaan haasaya isaa'llee isaan jalaa dhokatee waan jiruuf, maal jechuu isaa akka ta'e hin beekinne. Yesus gara Iyaariko'oo yeroo dhiyaatetti jaamaan tokko kennaa kadhachu'uuf karaa bira taa'ee jira ture, Isa biraan ni dabrran ka turan qoonqqa namoota baayi'e'ee yeroo dhagayetti'llee, «Kun maali'i?» jedhee gaafate. Namoonni'llee, «Kunoo! Yesusiin Naazireetii karaa kanaan dabrra'aati jira» jedhanii, itti ni himan. Yeroo sanitti ijaan jaamchi, «Ilma Daawiitii yaa Yesus! Yabo'oo ana marri!» jedha'aa ni iyye. Isa durssanii dura dura isaatiin ni deeman namoonni turan, «Caldhisi!» jedhanii isatti ni baanatan. Inni garuu qonqqa isaa caala'atti ol fudhatee, «Yaa Ilma Daawiitii! Yabo'oo ana marri!» ni jedha ture. Kanaaf Yesus dhaabateeti, «Gara kiyya asi fida'aanii!» jedhee ni ajaje. Ijaan jaamchi'llee gara isaa yeroo dhufetti, Yesus akkana jechu'uun ni gaafateen, «Maal akka si taasisuuf barbaadda?» Ijaan jaamaan'llee, «Yaa Gooftaa! Argu'uuf ni barbaada» jedheen. Yesus'llee, «Argi! Amantiin kee si fayyisee jira» jedheen. Namihci ijaan jaamaa'llee bakkumatti argu'uuf ni danda'e, Waaqa'llee galateeffata'aa Yesusiin horddofuu jala ni qabe, ummanni marri'llee kana yeroo arganitti, Waaqa ni galatteefatan. Yesus gara magaalaa Iyaariko'oo aseenee karaa saniin dabrree, ni deema ture. Achitti'llee itti gaafatamaa worra qaraxa wolitti qabanii Zakkiwoos ka jedhamu, namicha dureessa'atu jira ture. Inni'llee Yesus kamiin akka ta'e argu'uuf ni barbaada ture, garuu dheernni hojjaa isaa gabaabaa waan ta'ee fi baay'inna ummataa irraa'llee kan ka'een, isa argu'uuf hin dandeenne. Yesus karaa saniin ni dabrra waan tureef Zakkiwoos'llee isa argu'uuf jedhee, ummataan duranatti durssee fiigeeti, muka harbbu'uu tokko irra ni baye. Yesus'llee gara bakka sanii yeroo gayetti ol jedhee laaleeti Zakkiwoosiin, «Yaa Zakkiwoos! Adha mana kee ooluun narraa malaatii, dadafiitii muka irraa bu'i!» jedheen. Zakkiwoos'llee dadaafee bu'eeti, gammachuun mana isaa titti Yesusiin ufii titti ni fudhateen. Namoonni kana argan marrinuu, «Naminni kun gara mana cubbama'aa afeeramu'uuf ni aseene!» jedhanii, Yesusiin irratti ni guunguman. Zakkiwoos garuu dhaabatee Gooftaa Yesusiin akkana ni jedheen, «Yaa Gooftaa! Kunoo, qabeenna qabu mara irraayyuu wolakkaa isaa hiyyeessotaaf ni kenna, sobu'uun qarshiin namoota irraa fudhadhe'llee yoo jiraate, dachaa afurii taasisee ni deebisa.» Yesus'llee akkana ni jedhe, «Naminni kun ammoo fiixaa Abrahaamiitii adha fayyinni mana kanaaf ta'ee jira, Ilmi Namaa ka dhufeef ka bade barbaadu'uu fi fayyisu'uuf» jedhe. Uduma namoonni kana dhagayu'utti jiran Yesus fakkeenna tokko dabalee isaanitti ni hime, inni gara Yerusaalemii waan dhiyateef namoonni Mootummaan Waaqaa ammumaan tana waan muldhattu, isaanitti fakkaatee ture. Kanaaf Yesus akkana ni jedhe, «Aangoo nugusumma'aa fudhatee deebi'u'uuf gara biyya fago'oo ka deeme, nama aangoo qabu ol aanaan tokkotu jira ture, inni'llee deemuu isaatiin duranatti tajajilttoota keessaa kurnnan waamee tokko tokkoo isaaniitiif, saantibii worqqi'ii kudhan isaanii kenneeti, ‹deebi'ee haga dhufutti qarshii kanaan daldalaa!› isaaniin ni jedhe. Namoonni biyyaa garuu ni jibbaniin waan tureef, naminni kun nu'u irratti nugusa akka ta'uuf hin barbaannu jechu'uun, eega inni deemeen duubatti namoota ni ergan.» «Naminni sun nugusa ta'ee yeroo deebi'etti, qarshii isaanitti kennameen daldalanii hagam akka buufatan beeku'uuf, tajaajilttoota qarshii isaanitti kennee ture, ni waamisise. «Tajajilaan jalqabaa dhiyaatee, ‹yaa Gooftaa! Saantibiin worqqi'ii ka natti kennite kunoo, saantibii worqqi'ii kudhan buufadhee jira› jedheen. «Gooftaan isaa'llee, ‹ati tajaajilaa mishaa nana! Waan mishaa raawwattee jirta, waan diqqo'oon waan amanamiteef ani ammoo magaalota kudhanii irratti aangoo siif kennee jira› jedheen. «Tajaajilaan lammaffaa'llee dhiyaatee, ‹yaa Gooftaa! Saantibiin worqqi'ii ka natti kennite kunoo! Saantibii worqqi'ii shan buusee jira› ni jedheen. «Gooftaan isaa kanaan'llee, ‹ati'llee ammoo magaalota shanii irratti, si muudee jira› jedheen.» «Tajajilaan bira'aa'llee dhiyaatee akkana ni jedhe, ‹yaa Gooftaa! Qarshiin natti kennite kunoot, subbe'etti guduunffee kaayee ture. Kana'llee ka raawwadheef, ati waan hin kaayin ka fudhattu, waan hin facaasin'llee ka wolitti qabattu, nama hamaa ta'uu kee beekee waan si sodaadheef› jedheen. «Gooftaan isaa'llee, ‹ati tajajilaa badaa nana! Haasaya keetiin si'itti ni murtteessa, ani waan hin kaayin ka fudhadhuu fi waan hin facaasin'llee ka wolitti qabadhu, nama gara jabeessa ta'uu kiyya beekitee jirrta, eegasuu qabeenna kiyya bakka bu'aa itti naaf argamisiiu maali'iif naa hin oolichin ture? Deebi'ee yoo dhufutti bu'aa woliin ni fudhadha ture› jedheen. «Kanaan duubatti gooftichi isaa, achi dhaabatanii worra jiraniin, ‹saantibii worqqi'ii isaa irraa fuudha'atii tajaajilaa saantibii worqqi'ii kudhan ka qabuuf kennaa!› isaaniin jedhe. «Isaan'llee, ‹yaa Gooftaa! Inni bee saantibii worqqi'ii kudhan ni qaba!› jedhaniin.» Gooftichi'llee, ka qabu maraaf caala'atti ni kennamaaf, nama hin qabnne garuu kanaan qabuu irraa ni fudhatama, isiniin jedha. Isaan irratti akka nugusa ta'u worra hin barbaadin diinnota kiyya sanniin garuu, asi fida'aatii ana duranatti isaan ajjeesaa! isaaniin jedhe. Yesus fakkeenna kana eega dubbateen duubatti, adeemissa isaa gara Yerusaalemii itti fufu'uun, barattoota isaa dura dura ni deemaayyu ture. Yesus gaara ejjeerssaa biratti gara ka arigamanii gara Beetfaage'eetii fi gara Bitaaniya'aa yeroo dhiyaatetti, barattoota isaa keessaa lamaan akkana jedhu'uun ni erge, «Gara ganda isiniin duranatti argamuu deemaa, achi'llee yeroo geettanitti eennu'llee ka hin yaabbatiin, ilmmoon harre'ee hidhamee ni arigattan, hiika'aatii garana naaf fidaa. Naminni kumi'llee ‹maali'iif hiikkitan?› jedhee yoo isin gaafate, ‹Gooftaa waan isa barbaachisuuniif› jedha'aatii, deebisa'aafii.» Worri ergaman'llee deemanii wonitti marrinuu akkuma Yesus isaaniin jedhe ta'ee, ni argataniin. Ilmmayyoo harre'ee'llee yeroo hiikanitti abbootiin isaa, «Waayee maali'iitiif hiikkitan?» isaaniin ni jedhan. Isaan'llee, «Goofta'aaf waan barbaachisuuf» ni jedhan. Ilmmayyoo'llee gara Yesusii ni fidan, uffata isaanii'llee dudda ilmmayyo'oo irratti raranii, Yesusii akka yaabbatu ni taasisan. Yesus'llee yeroo deemutti, namoonni uffata isaanii karaa irratti ni afaniif ture. Yesus gara magaalaa Yerusaalemii gayu'uuf yeroo dhiyaatee fi gaara ejjeerssaa gad bu'uu irra uduma jiru, yeroo sanitti namoonni yesusiin ni horddofan turan marrinuu, waayee baasota arganiitiif gammachu'uun guutamanii waan turaniif, qonqqa isaanii ol fudhatanii Waaqa galateeffachuu jala ni qaban. Akkana'llee ni jedhan turan, «Maqaa Goofta'aatiin nugufnni dhufu ka eebbifame! Nageenni sami'itti, ulfinni'llee Waaqaaf, ol gubba'atti haa ta'u!» Ummata jidduu ka turan Fariisonni tokko tokko garuu Yesusiin, «Yaa barsiisaa! Barattoota kee calidhisiis!» jedhaniin. Yesus'llee, «Uduu isaan'llee caldhisaniiyyuu, dhagaayyiin ni iyyan isiniin ni jedha» jechu'uun, isaanii ni deebise. Yesus gara magaalaa Yerusaalemii titti dhiyaate magaalattii yeroo argetti, isi'iif ni booye. Akkana'llee ni jedhe, «Ati waan nagaya keetiif si barbaachisu maal adha beekkitee uduu jiraatteetii! Amma garuu wonitti kun ija kee jalaa dhokatee jira, diinonni kee naannaya kee titti kaloo kalaniitii fi marssanii, asii fi achiin'llee guyyaan si itti sarddamisiisan ni dhufa. Si'ii fi si keessa'llee worra jiran ijoollee kee'llee, lafa irratti kuffiseenii ni dhabamisiisan, uduu hin diigamin ka hafu dhagama tokko'llee bakkatti si hin dhiisan, kun'llee ka ta'u Waaqinni si itti fayyisu'uuf yeroo itti dhufu, beekuu dhabuu keetiin.» Yesus gara Mana Waaqeffanna'aa aseenee, achitti'llee namoota wol gabayatan, ari'uu jala ni qabe, akkana'llee isaaniin jedhe, « ‹Manni kiyya Mana Kadhanna'aa ni ta'a jedhamee barreeffamee jira, isin garuu goda saamittotaa ni taasfttan.› » Yesus'llee guyyama guyya'aan Mana Waaqeffanna'aa titti ni barsiisa ture, itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa, kuunniin'llee dursitoonni ummataa, isa ajjeesu'uuf ni barbaadan turan. Garuu namoonni marrinuu waan Yesus dubbatu dhagayu'uuf barbaadu'uun, onneen isaan booji'amee waan turaniif, namoonni isa ajjeesu'uuf barbaadanii, womaayyuu raawwachu'uuf hin dandeenne. Guyyaa tokko Yesus Mana Waaqeffanna'aa titti argamee, ummata ni barsiisaa fi wongeela'llee ni lallaba yeroo turetti, itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa, jaarsotiin'llee gara isaa ni dhufan, Isaan'llee, «Jedhi mee nutti himi, wonittoota kanniin ka raawwattu angoo maali'iitiin? Yookiin kanniin akka raawwatuuf angoo ka siif kenne eennu?» jechu'uun, ni gaafataniin. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Ani'llee gaafii tokko isin ni gaafadha, jedhaa mee naaf deebisaa, cuuphaan Yohaannisii Waaqa irraa ture moo yookiin nama irraayyi?» Isan'llee akkana jechu'uun ufii isaaniitii woliin ni haasayan, «Waaqa irraayyi yoo jennee, ‹eegaa maali'iif itti amanuu diddan ree?› nuun ni jedha, ‹nama irraayyi› yoo jenne ammoo, ummanni marrinuu nabiyyummaa Yohaannisii titti waan amananiif, dhaga'aan nu woqaran.» Kanaaf, «Eessaa akka ta'e hin beekinnu!» jechu'uun, ni deebisaniif. Yesus'llee, «Eegasuu ani'llee angoo maali'iitiin wonittota kanniin akka raawwadhu, isinitti hin himu!» isaaniin jedhe. Itti aansee'llee Yesus fakkeenna kana ummatatti himuu jala ni qabe, «Naminni tokko biqilttuu woyinni'ii ni dhaabe, qotee bulttootaaf'llee kireesseeti gara biyya bira'aa ni deeme, uduu hin deebi'in'llee yeroo baayi'eef ni ture. Yeroo woyinniin daraaretti'llee abbaan biqilttu'uu firii woyinni'ii gayee isaa akka isaa fuudhuuf, tajaajilaa tokko gara qotee bulttootaa ni erge, qotee bulttoonni garuu tajaajilaa isaa dhaananii harka isaa duwwaa ni deebisaniin. Akkuma kanaan tajaajilaa bira'aa'llee yoo ergu isaa'llee ni dhaananiin, salphisaniinii'llee harka duwwaa ni deebisaniin, deebi'ee'llee tajaajilaa sadaffaa yoo ergu isa'llee dhaananii, madeessaniiniit, baasanii ni gataniin. Kanaan duubatti abbaan biqilttuu woyinni'ii, ‹eegaa maal haa raawwadhu? Ilma kiyya ka jaaladhu ni erga, isa yookiin ni kabajaniin ta'aa!› jedhe. Garuu qotee bulttoonni yeroo isa arganitti ufii isaaniitii akkana woliin jedhan, ‹kun dhaalaa isaati, kootaa isa haa ajjeefinnuu! Qabiyyeen isaa'llee nu'uuf ni ta'a!› Kanaaf ilma isaa bakka biqilttuu woyinniitiin alatti baasanii, ni ajjeesaniin. Eegaa, abbaan biqiltuu woyinni'ii qonnaan bulttoota kanniin irratti, maal ka raawwatu sitti fakkaata ree? Abbaan biqiltuu woyinni'ii mataan isaatuu ni dhufa, qonnaan bulttoota'llee ni ajjeesa, biqiltuu woyinnii'llee qonnaan bulttoota bira'aatiif ni kenna.» Namoonni'llee kana yeroo dhagayanitti, «Kun gonkumaa hin ta'in!» jedhan. Yesus garuu gara isaanii laalee akkana ni jedhe, «Eegaa, ‹dhagaan kaabddonni tuffatan, mataa cabssataa ni ta'e› jedhamee ka barreeffame maal muldhisa? Dhagaa san irratti ka kufu marrinuu ni caba, naminni dhagaan irratti kufu garuu, ni bututa» jedhe. Barsiisonni seeraatii fi itti gaafatamoonni qeesotaa fakkeenna kana isaan irratti akka dubbate beekanii, yeroo sanitti isa qabu'uuf barbaadanii turan, garuu ummata ni sodaatan. Kanaaf Yesusiin qabu'uuf yeroo mijaayaa ni eeggatan ture. Aangoo bulcha'aatii fi qaama murti'iitiif'llee dabarssanii isa kunnu'uuf, jecha yakkaa isa irraa argachu'uuf ni barbaadan ture, kanaaf namoota fayyaaleyyii fakkaatanii, toowattoota haasayaan isa qaban itti ni erigan. Toowattoonni'llee gara Yesusii dhiyaatanii akkana jechu'uun ni gaafataniin, «Yaa barsiisaa! Wonitti ati dubbattuu fi barsiifttu'llee dhugaa ta'uu isaa ni beekinna, karaa Waaqaa dhuga'aan barsiiftta malee, eennuuf'llee hin dalttu. Mee nutti himi! Akkaataa bu'ura seera keennaa titti nugusa Rooma'aatiif gibira kafaluun eeyyamamee jira moo yookiin hin eeyamaminne?» Yesus garuu daba isaanii beekee akkana isaaniin jedhe, «Mee qarshii isaa natti muldhisaa, qarshii kana irratti ka bocamee bifaa fi maqaan irratti barreeffame, ka eennuuti?» Isaan'llee, «Ka nugusa Rooma'aati» ni jedhaniin. Yesus'llee, «Eegasuu ka nugusichaa nugusaaf, ka Waaqaa Waaqaaf kenna!» isaaniin jedhe. Isaan'llee ummata duranatti haasaya isaatiin isa qabu'uuf hin dandeenne, kanaaf deebii isaatiin maalalffatanii, ni caldhisan. «Worri du'an hin ka'an» Saduqoonni jedhan gara Yesusii dhiyaatanii, akkana jechu'uun ni gaafataniin, «Yaa barsiisaa! Museen akkana jechu'uun nuuf barreessee jira, ‹naminni tokko finna uduu hin uumatin haadha worraa isaa irraa du'aan yoo fooyame, obboleessi isaa dubarttii san fuudhee, ka du'ee fiixaa bakka haa buusuuf.› Obboleeyyan torbatu jira ture, hangafnni isaan maraa haadha worraa fuudhee finna uduu hin argatin ni du'e. Obboleessi itti aanu dubarttii san ni fuudhe, Sadaffaan'llee ni fuudheen, akkaataa kanaan duubatti torbanuu isii fuudhaniiti, ijoollee uduu hin uumatin ni du'an. Maraan duubatti dubarttiinuu ni duute. Torbanuu tartiibaan isii fuudhaniinii jiraniitii eegaa yeroo worri du'an du'aa ka'antti, isiin kamiif haadha worraa taati?» Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Namoonni biyya lafa kanaa ni fuudhan wolitti'llee hin fuusisan'llee. Du'aa ka'anii biyya dhufu keessa jiraachuun namoonni isaaniin male garuu, hin fuudhan, wolitti'llee hin fuusisan. Akka maleeyikkootaa waan ta'aniif hin du'an, du'aa'llee waan ka'aniif isaan Ijoollee Waaqaati. Waayee du'aa ka'iinssa worra du'anii garuu, Museen waayee ibidda ximmirro'oo seenaa dubbate keessatti Goofta'aan, ‹Waaqinni Abrahaamii, Waaqa Yishaaqii, Waaqa Yaaqoobii› Jedhee, waameenii jira. Kanaaf Waaqinni Waaqa jiraattotaati malee, Waaqa worra du'aaniitii miti, marrinuu isaaf lubbu'uun ni jiraatan» jedhe. Barsiisota seeraa keessaa tokko tokko, «Yaa barsiisaa! Mishaa dubbattee jirta!» jedhan. Achii asitti'llee ka Yesusii gaafii dhiyeessu'uuf ugge, eennu'llee hin jiru. Kanaan duubatti'llee Yesus akkana isaaniin ni jedhe, «Attamitti Masihichiin ilma Daawiit isaan jedhaniin? Daawiiti mataan isaatuu bee kitaaba faarffanna'aa keessatti, ‹Gooftaa Gooftaan kiyyaaf, diinota kee miila kee jala haga siif taasisutti, mirga kiyyaan taa'i ni jedheen› ni jedha. Eega Daawiiti mataan isaatuu Gooftaa jedhee eega waameen, eegaa Masihichi Daawiitiif attamitti ilma ta'u'uuf, danda'a ree?» Ummanni marrinuu uduma isa dhageefata'aa jiran, Yesus barattoota isaatiin akkana ni jdhe, «Uffata dhedheeraa uffatanii asii fi achi naanayuu, bakka gaba'aa titti nagaya kabajaa fudhachuu, bakka woligayi'ii titti'llee barcumaa ulfinnaa, bakka afeerri'itti'llee bakkee kabajaa worra jaalatan, barsiisota seeraa irraa ufi eeggadhaa. Isaan'llee fakkeessu'uuf kadhannaa dheeraa dhiyeessaniin sababata'aa, dubarttoota abbootiin worraa isaanii iraa du'an ni saaman, kanaaf murtiin caalaa ta'e isaan ni argataan» jedhe. Yesus ol jedhee yoo laalu dureesonni kennaa isaanii sanduuqa kenna'aa keessa kennaa yoo buusan, ni arge. Akkuma kana haati hiyyeessaa takka'llee, saantibii lamaa ka gayu qarshii meeta diima'aa, sanduuqa keessa yoo buufittu ni arge. Akkana'llee ni jedhe, «Dhugamaan isiniin jedha, haati hiyyeessaa hiyyeettiin tun, maraa caalchifittee kennitee jirtti. Isaan ka kennan qabeenna isaanii irraa ka hafe, isiin garuu hiyyeettii taatee uduu jirttu womaayyuu uduu hin hanbbisin, jirttu, waan qabddu maraa ni kennite.» Namoonni tokko tokko, «Manni Waaqeffanna'aa kun attami bareeda'a? Dhagaayyii gatiin isaa gudda'aatii fi kennaawwan Waaqaaf dhiyaataniin, bareedanii jiran» jedha'aa, ni haasayan ture. Yesus garuu, «Kun ka argitan marrinuu dhagaan dhagaa irratti tuulamee yeroon itti hin hafinne ni dhufa, dhagaayyiin kunniin marrinuu guyyaa tokko, ni diigaman.» Isaan'llee, «Yaa barsiisaa! Kun ka ta'u yoom? Kun yeroon itti ta'u dhiyaachuu isaa malkanni ittiin beekinnu maali'i?» jechu'uun, ni gaafataniin. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Akka hin dogoggorreef ufi eeggadhaa! Baayi'eewwan, ‹ani Kristos! Kunoo, yeroon dhiyaatee jira!› jedha'aa, maqaa kiyyaan ni dhufan, isaan'llee hin horddofinaa. Waayee woraanaatii fi waayee jeequmssaa yeroo dhageettanitti'llee hin nayinaa, durssee kun ta'uun isaa ni mala, haa ta'u malee muummeen, bakkumatti hin ta'u.» Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, Ummanni ummata irratti, mootummaan mootummaa irratti ni ka'a. Bakka maratti'llee sochiin cimaan arddi'ii, beelaa fi weerarissi dhibe'ee ni ta'a. Wonittoonni sodaachisaanii fi malkattoonni ol aanaan, sami'itti ni muldhatan. Garuu kun marrinuu ta'u'uun duratti namoonni isin ni qaban, isin ni ari'an, gara bakka woligayi'iitii fi gara mana hidhaa'llee dabarsanii isin ni kennan, waayee maqaa kiyyaatiif'llee gara nugusotaatii fi gara bulchitootaa isin ni geessan. Kun'llee waayee maqaa kiyyaa ragaa bayu'uuf, carraa mishaa isiniif ni ta'a. Kanaaf waayee himannaa isin irratti dhiyaatu deebii kennitaniif sarddamuu akka hin qabnne, durssa'aatii hubadhaa. Diinota keessan keessaa eennu'llee isa durana dhaabachuu yookiin isaan mormmuu ka hin danddeenne, afaanii fi ogummaa isaaf ni kenna. Maatii keessan fi obboleeyyan keessan, firoonni keessan fi waaheloonni keessan uduu hin hafin dabarsanii isin ni kennan, isin keessaa'llee tokko tokko ni ajjeefaman. Waayee maqaa kiyyaatiif'llee namoota mara biratti, ka jibbamttan ni taatan. Garuu rifeenissa mataa keessan keessaa tokkochumaanuu hin baddu. Obissa keessaniin lubbuu keessan ni fayyifattan jedhe. Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Yerusaalem loltoota diinaatiin marffamtee yeroo argitanitti, badu'uuf akka dhiyaatte beekaa, yeroo sanitti worri biyya Yihuda'aa jiran gara gaarotaa haa dheessan, magaalaa keessa worri jiran'llee achii haa bayan, magaala'aan ala worri jiran'llee gara magaalatti'ii titti, hin aseeniin. Waayee badii kanaatiif raaginni barreeffame akka raawwatamuuf, kun yeroo halo'ootii fi yeroo adabbi'iiti. Yeroo sanitti worra ulffaatii fi haawwotii harmma hoosisaniif uunsha'a! arddii irratti rakkinni ol aanaan ni ta'a, kanaan'llee ummata irratti, dallanisuun Waaqaa ni dhufa. Isaan keessaa'llee baayi'eewwan billayaan ni ajjeefaman, kuunniin'llee booji'amanii gara biyya adda addaa ni fudhataman. Barri ummata Waaqaa dhuga'aa titti hin amannee haga raawwatamutti, Yerusaalem ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amaneetiin ta dhiitamtte ni taati.» Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Adu'uu fi ji'a, urjjiiwwan irratti'llee malkanni maalale'ee ni mulidhatan, arddii mara irratti'llee ummattoonni marrinuu qoonqqa naasisaa garba ciisa'aa fi danbali'ii irraa ka'een sodaatanii ni sarddaman. Biyya lafaa irratti waan dhufu eeggachu'uun namoonni soda'aan ni jeeqaman, yeroo sanitti huminoonni sami'ii ni raafaman, kanaan duubatti'llee Ilmi Namaa huminna ol aana'aa fi ulfinnaan, duumessa irraan yoo dhufu, namoonni ni arganiin. Kun marrinuu ta'uu yeroo jalaqabutti fayyinni keessan dhiyaatee jiraatii, ol jedha'aatii gara olii laalaa» jedhe. Itti ansee'llee Yesus fakkeenna kana isaanitti ni hime, «Haala muka harbbu'uutii fi mukkiin kaanniin'llee hubadha'aatii, laalaa, baalon isaanii yoo babayan yeroo argitanitti, bonni akka dhiyaate ni beekittan. Bifa kanaan kun marrinuu ta'uu yoo jala qabeu yeroo argitanitti, Mootummaan Waaqaa dhufu'uuf dhiyaachuu isi'ii beekaa.» «Dhugamaan isiniin jedha, kun marrinuu haga raawwatamutti, dhaloonni kun hin dabrru. Sami'ii fi arddiin ni dabrran, dubbiin kiyya garuu hin dabrru» jedhe. Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Baayi'inna nyaataatii fi dhugaati'iitiin, machi'iin baashayu'uu fi waayee jireennaa biyya lafaatiif sarddamu'uun'llee, onneen keessan akka hin hadoonneef, ufi eeggadhaa! Kana ta'uu yoo dhabaate garuu guyyaan sun akka siibo'oo titti, dimmaa isin ni qaba. Guyyaan sun arddii irratti namoota arigaman maraa, dimmaa isaan ni qaba. Kanaaf waan hamaa dhufu mara jalaayyuu bayu'uuf, huminna akka argatanii fi Ilma Namaa durana'llee dhaabachu'uuf akka dandeettan, kadhata'aa yeroo maraa jabaadhaa.» Yesus guyyama guyya'aan Mana Waaqeffanna'aa titti ni barsiisa ture, yoo dhiitutti garuu gara Gaara Ejerssa jedhamuu irra baya'aa, ni bula ture. Namoonni marrinuu Yesus yoo dubbatu dhageeffachu'uuf ganama obboro'oon, gara Mana Waaqeffanna'aa gara isaa ni dhaqan turan. Faasikaa ka jedhame ayyaanni Qixxa'aa guyyaan itti kabajamu dhiyaatee jira ture, Itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa ummata waan sodaataniif, Yesusiin qabanii toofittaa ittiin ajjeesaniin, dhossa'aan ni barbaadan ture. Yeroo sanitti barattoota isaa kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e, Yihudaa nama biyya Asiqortu'uu titti Sheexanni ni gale. Kanaaf Yihudaan gara itti qeesotaatii fi gara ajajoota wordiyyaa Mana Waaqeffanna'aa dhaqee, Yesusiin attamitti dabarssee akka isaanii itti kennu, isaan woliin ni dubbate. Isan'llee dhimmichaan gammadanii, qarshii isaa kennu'uuf wolii ni galan. Dhimmichaan wolii galanii ummanni uduu hin beekin Yesusiin dabarssee kennu'uuf, yeroo mijaayaa ni barbaada ture. Kanaan duubatti hoolaan Faasika'aa ka itti qalamu, ayyaanni qixxa'aa ni gaye. Yesus, «Irbaata Faasika'aa akka nyaannuuf deema'aatii, nuuf qopheessaa!» jechu'uun, Phexirosii fi Yohaannisiin ni erge. Isaan'llee, «Irbaata Faasika'aa eessatti akka qopheessinuuf barbaadda?» jechu'uun, ni gaafataniin. Inni'llee akkana isaaniin jedhe, «Gara magaala'aa yoo aseentan kunoo, waabaa bishaanii namicha baadhate ni argattan, isa horddofa'aatii gara mana inni itti galuu dhaqaa. Abbaa manaatiin'llee barsiisaan keenna, ‹barattoota kiyyaan woliin Irbaata Faasika'aa ka itti nyaatu manni boqannaa keessumma'aa eessa? Siin jedha› jedha'aanii. Inni'llee mana wol irroo gubba'aa ka bashannanaa ka jiruu fi afamee ka qophaaye galmma baldhaa isinitti ni muldhisa, achitti qopheessaa.» Barattoonni lamaan'llee deemanii, wonitti marrinuu akkuma Yesus jedhe ta'ee ni argatan, Irbaata Faasikaa'llee achitti ni qopheessan. Saa'aatiin irbaataa yeroo gayetti Yesus ergamittootaan woliin nyaataaf ni taa'e. Akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Rakkinna fudhachuu kiyyaan duranatti isiniin woliin Irbaata Faasika'aa kana nyaachu'uuf, haalaan ni hawwa ture, Dhossaan dhuga'aa ka waan kanaa Mootummaa Waaqaa titti muda maleessa ta'ee haga muldhatutti, ammaa achitti Irbaata Faasika'aa kana gonkumaa hin nyaadhu, isiniin jedha.» Kanaan duubatti Yesus duloo ol fuudhee eega galateeffateen duubatti akkana ni jedhe, «Hoo'aa kana qoodamaa, dhugamaan isiniin jedha, ammaa jalaqabee Mootummaan Waaqaa haga dhufutti, dhugaatii firii woyinni'ii kanaa irraa argamu, hin dhugu.» Itti aansee'llee Yesus hibsittii ol fuudhee eega galateeffateen duubatti, kukkutee barattoota isaatiin, «Hoo'aa, kun foon kiyya ka isiniif kennu, kana yaadannoo kiyyaaf taasfadhaa!» jedhee, isaaniif ni kenne. Akkuma kana irbaataan duubatti'llee duloo ol fuudhee isaanii kenneeti akkana isaaniin ni jedhe, «Duloon kun, waayee keessaniif ka jiguun ka raawwatamu waadaa haarawa. «Garuu harki nama dabarssee ka ana kennuu kunoot, anaan woliin nyaachu'uutti ni jira. Ilmi Namaa akkaatama waayeen isaa akkuma durssee murteeffameetiin, ni du'a, garuu Ilma Namaa dabarssee ka kennu, nama saniif uunsha'a!» Isaan'llee, «Nu jiddu'uu waan kana ka raawwatu, kami inni?» jechu'uun, ufii isaaniitii wol ni gaafatan. Itti aanssanii'llee inni, «Ka mara keenna caalu eennu?» jedha'aa, ufii isaaniitii wol mormmuu jala ni qaban. Yesus garuu akkana isaaniin ni jedhe, «Nugusonni biyya lafa kanaa ummata irratti aangoo ni qaban, bulchitoonni'llee ummataaf waan mishaa raawwattoota ni jedhaman, Isin garuu akka isaanii ta'uu hin malu, kana irra isin keessaa ka guddaa ta'e akka diqqa'aa haa ta'u, itti gaafatamaa ka ta'e'llee akka tajaajila'aa haa ta'u. Bakka nyaataa taa'ee ka nyaatuu fi ka dhaabatee tajaajilu kamittu wolii gudda'a? Gudda'a ka jedhamu ka nyaataaf taa'ee jiruu mitii? Ani garuu isin jiddu'uutti akka tajaajila'aati. Isin yeroo rakkinnaa kiyyaa marattuu ana woliin jabaattanii turtanii jirttan. Kanaaf akkuma abbaan kiyya ana muude, ani'llee isin ni muuda. Mootummaa kiyyatti'llee yaataaf teettanii ni nyaattan, ni dhugiddan, teessoo irra teettanii gosoota kudha lamaan Israa'eelii irratti'llee, ni murtteesitan.» Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Simoon! Simoon! Kunoo, akkuma qotee bulaan qamadii hafarssee ibbiqiin adda baasu, akkuma kana sheexanni isin hafarssu'uuf ni barbaade. Garuu amantiin keessan akka hin banneef ani siif ni kadhadhe, yeroo deebitetti'llee, obboleeyyan kee jabeessi.» Phexiros'llee, «Yaa Gooftaa! Hidhamiinsaa fi ta'ee du'uuf'llee si'iin woliin deemu'uuf, ani qophaaya'a!» jedhe. Yesus garuu, «Yaa Phexiros! Adha lukkuun uduu hin iyyin, ‹isa hin beekuun!› jettee, yeroo sadihii ana ni waakkatta, siin jedha» jedheen. Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin, «Korojoo qarshi'ii, qaraaciitii fi kophee'llee uduu hin qabatin yeroo isiniin jedhetti ergetti, wonitti isinitti hanqate ni jiraa ree?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Womaayyuu wonitti nutti hanqate hin jiru» jechu'uun, ni deebisaniif. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Amma garuu korojoo qarshi'ii ta'ee qaraciitii'llee ka qabu haa qabatu, billaya'llee ka hin qabnne uffata isaa gurguree bilaya haa bitatu. Waayee kiyyaaf durssee ka barreeffame marrinuu raawwatamuu waan qabuuf, ‹hamaaleyyii woliin ni lakkaayame› ka jedhu, dubbiin kitaaba Qulqullu'uu, ana irratti raawwatamuu qaba, isiniin jedha.» Barattoonni isaa'llee, «Yaa Gooftaa! Kunoo asi bilaya lamaa ni jiran!» jedhaniin. Inni'llee, «Ni gaya!» isaaniin jedhe. Yesus magaala'aa bayee akkuma barate gara Gaara Ejerssaa ni deeme, barattoonni isaa'llee isa woliin ni deeman. Achi'llee yeroo gayetti Yesus, «Gara qormaataa titti akka hin aseenneef kadhadhaa!» isaaniin jedhe. Kanaan duubatti haga darbata dhaga'aa isaan irraa achi fagaatee ni deeme, jilbbiiffatee'llee akkana jechu'uun ni kadhate, «Yaa Abbaa! Fedhii kee yoo ta'e duloo rakkinnaa kana, ana irraa fageessi! Garuu fedhii kee haa ta'u malee fedhiin kiyya hin ta'in.» Yeroo sanitti maleyikkaan isa jajabeessu sami'ii dhufee itti ni muldhate. Onnee isaa titti'llee haalaan sarddamee haalaan ni kadhata ture, daniffi isaa'llee akka dhiigaa ta'ee, gara lafaa titti ni dhimmisa ture. Bakka kadhanna'aatii ka'ee gara barattoota isaa ni dhufe, baay'inna gaddaa irraa kan ka'een rafanii isaan argateeti, akkana isaaniin jedhe, «Waayee maali'iitiif raffittanii? Kana irra gara qormaataa titti akka hin aseeneef, ka'aatii kadhadhaa» isaaniin jedhe. Uduma Yesus kana dubbata'aa jiru kunoo, namoonni baayi'een ni dhufan, ka isaan eemaru'llee kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e, Yihudaa ni ture, Yihudaan'llee isa dhungachu'uuf gara Yesusii, ni dhiyaate. Yesus garuu, «Yaa Yihudaa! Ilma Namaa dhungachu'uun dabarsitee, ni kennitaanii ree?» jedheen. Barattoonni Yesusiin woliin turan'llee, haala dhimmichaa yeroo arganitti, «Yaa Gooftaa! Bilayaan isaan haa dhoofinnuu ree?» jedhan. Isan keessaa'llee tokko tajaajilaa qeesicha ol aana'aa bilayaan dhayeeti, gurra isaa ka mirgaa ni mure. Yesus garuu, «Dhiisi! Waan akkanaa kana deebitee hin raawwatin!» jedhe, gurra namichaa'llee qaqabee ni fayyiseen. Kanaan duubatti Yesusiin qabu'uuf worra dhufan itti gaafatamoota qeesotaa, ajajoota woriddiyyoota Mana Waaqeffata'aatii fi jaarsotii ummataatiin'llee akkana ni jedhe, «Ana akka shiftta'aa titti qabu'uuf, bilayaa fi ulee qabattanii dhufittanii? Guyyama guyya'aan Mana Waaqeffanna'aa titti isin woliin yeroo argamutti, ana hin qabnne ture, amma garuu yeroo keessan fi yeroo angoo dukkanaati.» Kanaan duubatti namoonni Yesusiin qabanii fudhataniiniiti gara mana itti gaafatamaa qeesotaa ni fidaniin, Phexiros'llee achi fagaatee ni horddofaan ture. Namoonni'llee moonaa keessatti ibidda qabsiisanii, tokkuma'aan ta'anii jiran ture. Phexiros'llee dhufee isaan woliin ni taa'e. Phexiros ibidda bira taa'ee uduu jiru hojjatuun manaa takka ifa ibiddaatiin ni argiteen, gara isaa guutattee laaltee'llee, «Kun'llee Yesusiin woliin ni ture!» jette. Phexiros garuu, «Dubarttii nana! Ani isa hin beeku!» jechu'uun, ni waakkateen. Yeroo muraasaan duubatti naminni bira'aa tokko Phexirosiin argeeniiti, «Ati'llee isaan keessaa tokko!» jedheen. Phexiros garuu, «Nama nana, mitii!» jedhe. Haga saa'aatii tokkoo turee'llee, naminni bira'aa tokko Phexirosiin, «Naminni kun nama biyya Galiila'aatii, dhugamaanuu isa woliin ni ture!» jechu'uun, cimssee ni dubbate. Phexiros garuu, «Nama nana! Waan ati jettuu hin beeku!» jedhe. Kana dubbata'aa uduu jiru, bakkumatti lukkuun ni iyye. Yeroo kanatti Gooftaan Yesus ufi irra garagalee Phexirosiin ni laale, Phexiros'llee, «Adha lukkuun uduu hin iyyin yeroo sadihii ana waakkatta» jechu'uun, Gooftaan Yesus dubbii dubbate, ni yaadate. Gara alaa bayee'llee fiqqifatee, ni booye. Yeroo sanitti namoonni Yesusiin qabanii turan, isa irratti'llee ni baldanii fi ni dhaananiin'llee turan. Fuula isaa'llee haguugga'aa, «Eenutu si dhaye? Nabiyyii yoo taate mee beeki!» ni jedhaniin ture. Isa irratti'llee waan baayi'ee dubbata'aa, ni arrabisaniin turan. Yeroo bari'etti'llee jaarsotiin ummataa, itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa bakka tokkotti wol gayanii, Yesusiin'llee gara bakka yaa'ii isaanii ni fidaniin. Akkana'llee ni jedhaniin, «Mee ati Masihii eega taate nutti himi!» Inni garuu akkana isaaniin ni jedhe, «Isinitti yoo hime ana hin amanttan, gaafii'llee yoo isinii dhiyeesse naa hin deebifttan, garuu ammaa jalqabee Ilmi Namaa huminna isaatiin, mirga Waaqaatiin ni taa'a.» Marrinuu tokkumma'aan, «Eegaa ati Ilma Waaqaatii ree?» jechu'uun, ni gaafataniin. Inni'llee, «Ee, akkuma isin jettan» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Eegaa ragaa maal nuuf barbaachisa? Kunoo, dubbii afaan isaatii bayeef, nu mataan keennaa dhageennee jirra!» jedhan. Achitti woligayanii namoonni turan marrinuu ka'anii, Yesusiin fidaniiti, Philaaxosiin duranatti ni dhiyeessaniin, akkana'llee jedha'aa himachu'uunii jala ni qaban, «Naminni kun ummata keenna yoo dogoggorssu ni arganneen, nugusa Rooma'aatiif gibirri akka hin kafalamnne ni dhoogga, akkuma kana'llee, ‹ani nugusa Masihicha› » jedha'aa, ni dubbata, Philaaxos'llee, «Ati nugusa worra Yihudotaatii?» jechu'uun, Yesusiin ni gaafateen. Yesus'llee, «Akkuma ati jette» ni jedheen. Yeroo sanitti Philaaxos itti gaafatamoota qeesotaatii fi ummataan'llee, «Ani nama kana irratti balleesaa woyiituu hin argganne» jedhe. Isaan garuu, «Naminni kun Galiila'aa jala qabee haga asii titti, arddii Yihuda'aa marattuu barsiisa'aa, ummata jeequmssaaf ni kakaasa» jedha'aa, ciminnaan ni himataniin. Philaaxos'llee Galiilaa dubbii jedhu yeroo dhagayetti, «Kun nama biyya Galiila'aatii ree?» jedhee, ni gaafate. Yesus ka dhufe bulchiinsa Heerodisii keessaa ta'uu isaa Philaaxos yeroo beeketti, gara Heerodisii ni ergeen, Heerodis'llee yeroo sanitti Yerusaalemiin jira ture. Heerodis Yesusiin yeroo argetti haalaan ni gammade, waayee Yesusii ni dhagaya waan tureef, isa argu'uuf yeroo baayi'ee ni hawwa ture, akkuma kanaan'llee Yesus baasaa yeroo raawwatu argu'uuf'llee, abddii ni taasisa ture. Kanaaf Heerodis Yesusiin gaafii baayi'ee ni gaafateen, Yesus garuu womaayuu hin deebifinneef. Itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa, achi dhaabatanii akka malee ni himataniin ture. Heerodis'llee lolttoota isaa woliin ta'ee tuffi'iin itti ni baldde, uffata faaya itti uffisee'llee deebisee gara Philaaxosii ni ergeen. Guyyaa sanitti Heerodisii fi Philaaxos waahellan ni ta'an, san duratti garuu worra wol dhaba qaban turan. Kanaan duubatti Philaaxos itti gaafatamoota qeesotaa, dursitoota ummataatii fi ummata'llee dabalee, bakka tokkotti ni waame, akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Ummata ‹jeequmssaaf kakaasa› jettanii, nama kana gara kiyya ni fidaniin, ani'llee kunoo, isin duranatti qoradheenii himannaa isa irratti dhiyeesitan mara keessaa nama kana irratti, balleesaa woyiituu itti hin arganne. Akkuma kanaan Heerodis'llee balleessaa woyiituu waan itti hin argatiniif gara keenna deebisee ergeenii jira, eegaa naminni kun waan du'aan isa gayaa womaayyuu hin raawwanne. Kanaaf dhaaneenii gad ni dhiisaan.» [ Woggaa wogga'aan ayyaana Faasika'aa titti Philaaxos, hidhamaa tokko ummataaf gad ni dhiisa ture] Kanaaf ummanni marrinuu, «Nama kana dhabamisiis! Barbaaniin garuu nuuf hiiki!» jedha'aa, qoonqqa tokkoon ni iyyan. Barbaan magaalaa keessatti jeeqama kaasu'uu fi sababa nama ajjeesu'uutiin'llee, nama mana hidha'aa titti hidhame ture. Philaaxos Yesusiin hiikee gad dhiisu'uuniif barbaadee, deebi'ee ummatatti ni dubbate. Ummanni garuu, «Fannisiin! Fannisiin!» jedha'aa ni iyye. Philaaxos'llee yeroo sadaffaa titti akkana isaaniin ni jedhe, «Balleessaan naminni kun raawwate gonkumaa maali'i? Ani waan du'aan isa gayu womaayyuu isa irratti hin argganne, kanaaf dhaneenii gad ni dhiisaan» jedhe. Isaan garuu qoonqqa isaanii ol fudhatanii, «Fannisiin!» jedha'aa ni iyyan, qooniqqi ummataatii fi itti gaafatamoota qeesotaa'llee, ni cime. Sababa kanaan'llee wonitti isaan gaafatan akka isaanii raawwatamuuf, Philaaxos ni murtteesse. Jeeqama kaasu'uu fi nama ajjeesuun hidhamee ka ture Barbaaniin akkaataa gaafii isaaniitiin gad ni dhiiseen, Yesusiin garuu akkuma fedhii isaanii titti, dabarssee isaaniif ni kenne. Kanaaf Yesusiin ni fudhataniin, qabanii yoo deemantti, nama biyya Qereena'aa ka ta'e Simooniin badiyya'aa gara magaala'aa yeroo galutti ni argataniin, isa'llee qabanii fannoo Yesusii itti baachisaniit, Yesusiin akka horddofu ni taasisaniin. Namoonni baayi'een'llee Yesusiin ni horddofan turan, isaan keessaa'llee laphee isaanii dhaya'aa, dubarttoonni booyan ni turan. Yesus garuu gara isaanii deebi'eet akkana isaaniin ni jedhe, «Isin dubarttoota Yerusaaleem, waayee mataa keessaniitii fi waayee ijoollee teessaniitiif booyaa malee, waayee kiyyaaf hin booyinaa! ‹Dubarttoonni finna dhabddoota ta'anii fi gadaamessoonni hin dayinii fi harmmoonni hin hoosisin, isaan attam ka eebbifamanii!› Guyyoonni itti jedhaman ni dhufan. Yeroo sanitti namoonni gaarotaan, ‹nu irratti jigaa!› tulloon'llee, ‹nu dhossaa!› jechuu, jala ni qabu. Eegaa wonitti kun marrinuu muka jiidhaa irratti ka raawwatamu yoo ta'e, muka gogeessa irratti ammoo, maaltu raawwatama laata?» Akkuma kana yakkamttoota lamaan'llee Yesusiin woliin ajjeesu'uuf, qabanii ni deeman. Qaraanyoo yookiin gara bakka Buqqee Mata'aa jedhamee'llee yeroo gayanitti, achitti Yesusiin ni fannisan, akkuma kana yakkamttoota lamaan'llee bita'aa fi mirga Yesusiitiin ni fannisan. Kanaan duubatti Yesus, «Yaa Abbaa! Waan raawwatan waan hin beekinneef, isaanii dhiisi!» jedhe. Loltoon'llee carraa buufatanii uffata Yesusii ni qoodaman. Ummanni'llee dhaabatee ni laalaa ture, itti gaafatamoonni Yihudotaa'llee, «Kaaniin fayyisee jira, eegaa inni ka filatame Masihicha Waaqaa eega ta'e, mee mataa isaa haa fayyisu!» jedha'aa, itti ni baldan turan. Loltoonni'llee akkuma kana itti ni balddan, gara isaa'llee dhiyaatanii daadhii woyinnii dhangaggaayaa, ni kennaniif. Akkuma kana, «Ati nugusa worra Yihudotaa eega taate, mee mataa kee fayyis!» jedhaniin ture. «Kun nugusa worra Yihudotaati» barreeffama jedhu'llee, mataa fannoo Yesusii gubba'aan ni kaayan. Yakkamttoota Yesusiin woliin fannifaman keessaa tokko Yesusiin, «Ati Masihichaa mitii ree? Mee jedhi mataa keetii fi nu'llee fayyis!» jedha'aa, ni arrabisaaniin ture. Yakkamaan bira'aa garuu akkana jechu'uun isatti ni baanate, «Ati murtii wol fakkaataa irra uduu jirttu'llee, Waaqa hin sodaattuu ree? Nu'u sababa balleessaa raawwanneetiin adabbii nuun malu argannee jirra, naminni kun garuu balleesaa woyiituu hin raawwanne.» Itti aansee'llee Yesusiin, «Yaa Gooftaa! Mootummaa keetitti yoo dhufttu, ana yaadadhu!» jedheen. Yesus'llee, «Dhugamaan siin jedha, adhumaan kana ana woliin, gara jaayinataa ni aseentta» jedheen. Kunoo, kun ka ta'e guyyaa keessaa gara saa'aatii jahaa titti ture, yeroo sanii jalaqabee haga saa'aatii sagalii titti, arddii mara irratti dukkana ni ta'e. Aduun ni dukkanoofitte, goolganni Mana Waaqeffanna'aa'llee jiddu'utti tarsa'ee, bakka lamatti ni qoodame. Yesus'llee Qooniqqa isaa ol fudhatee, «Yaa Abbaa! Kunoo! Lubbuu kiyya harka kee titti yaboo ni kenna!» jedhe, kana'llee eega jedheen duubatti, lubbuun isaa foon irraa ni fooyamitte. Ajajaan dhibaa ka achi ni jira ture waan ta'e yeroo argetti, «Dhugamaanuu naminni kun qulqullaayomaa ta'ee jira!» jedhee, Waaqaaf ulfinna ni kenne. Dhimmicha laalu'uuf achitti woligayanii namoonni turan marrinuu waan ta'e yeroo arganitti, gaddu'uun laphee isaanii dhaya'aa, gara mana isaanii ni deebi'an. Namoonni Yesusiin dhiyeennatti ni beekaniin turan marrinii fi Galiila'aa jala qabanii ni horddofaniin dubarttoonni turan'llee fagoo dhabatanii, waan kana ni laalan turan. Magaalaa Yihudotaa ka taate Armaatiyaasiin keessa ka jiraatu Yooseef nama jedhamu tokkotu jira ture, inni'llee qulqullaayomaat fi nama mishaa ni ture, inni'llee miseensa yaa'ii Yihudotaa ni ture. Haa ta'u malee marri fi dhawa worra Yihudotaa keessatti hin hirmmaane, inni'llee Mootummaa Waaqaa abddi'iin nama eeggatu ture. Naminni kun'llee Philaaxosiin duranatti dhiyaatee, reeffi Yesusii akka isaa kennamuuf ni gaafate. Reeffa'llee fannoo irraa buusee woyaa leelashe'eetiin ni kafaneen, awwaala naminni kumi'llee itti hin awwaalamin, awwaala dhagaa irraa bocamee qophaaye keessatti ni awwaaleen, Kana'llee ka raawwateef jimaata galgala Sanbbataaf, yeroo qophiin taasfamutti ture. Dubarttoonni Yesusiin horddofanii Galiila'aa dhufan, Yooseefiin woliin deemanii awwaala ni laalan, reeffi isaa akka awwaalame'llee ni arggan. Gara mana isaanii'llee deebi'anii reeffaaf ka ta'an, urgoofttuu foolii mishaa qabuu fi shittoo ni qopheessan, akkaataa seeraatiin'llee guyyaa Sanbbataa boqatanii ni oolan. Dubarttoonni shittoo qopheessan qabatanii torbbee keessaa guyyaa jalqabaa (Dilbbata) ganama obboroo, gara bakka awwaalaa ni dhaqan, dhagaan awwaalli ittiin cufame awaalaa irraa achi gangalatee, ni argatan. Gara keessaa yeroo aseenanitti garuu, reeffa Gooftaa Yesusii hin arganne. Waayee kanaatiin'llee maalalffachuu irra uduu jiran kunoo, uffata adii calaqisu ka uffatan, namoonni lamaa dhufanii isaa bira ni dhaabatan. Dubarttoonni'llee haalaan sodaatanii gara lafaa gadi jedhanii uduu jiran namoonni, «Waayee maali'iitiif jiraataa worra du'an jiddu'uu barbaadan? Inni asi hin jiru, ka'ee jira, Galiilaa yeroo turetti, waan inni isinitti hime yaadadhaa, ‹Ilmi Namaa cubbamootaaf dabarffamee kennamuun, fannifamu'uu fi guyyaa sadaffaa titti'llee du'aa ka'uun isaan ni malaan› isiniin jedhee ture.» isaaniin jedhan. Dubarttoonni'llee dubbii Yesusii ni yaadatan, bakka awwaalaatii'llee deebi'aanii kana maraa kudha tokkoo isaaniitii fi worra hafanitti'llee ni himan. Kana'llee ergamittootatti ka dubbatan Maariyaam magdalaa, haadha Yohanna'aatii fi Yaaqoobii Maariyaamiin, akkuma kana dubarttoonni bira'aa'llee ni jiran turan. Isaan garuu wonitti kun eebijjuu suura'aa isaatti waan fakkaateef, isaan hin amanne. Phexiros garuu ka'ee gara bakka awwaala ni fiige, achi'llee yeroo gayetti gad jedhee yoo laalutti, woyaan leelashe'ee haphii ka reeffi isaa ittiin kafaname akkuma adda kaayamee jiruun ni arge, waan ta'een'llee maalalffata'aa gara manaa ni deebi'e. Guyyama kanatti horddofittoota Yesusiin keessaa lamaan Yerusaalemiin irraa haga kiloo meetira kudha lamaa gara bakka fagaattee argamittu, Eemaahus jedhamtee gara ganda waamamuu, ni adeeman turan, Isaan'llee waan ta'e kana maraa kaasanii, ufii isaaniitii woliin ni mari'atan turan. Kana'llee yeroo haasayaanttii fi yeroo mari'atanitti Yesus mataan isaa gara isaanii dhiyaatee, isaan woliin adeemuu jala ni qabe. Garuu ija isaaniitiin uduma isa argan eennuun akka ta'e beeku'uuf, hin danddeenne. Inni'llee, «Adeemissa irra uduu jirttan ka irratti haasofttan wonitti kun maali'i?» isaaniin jedhe. Isaan'llee gadda'aa qajeelanii ni dhaabatan. Isaan keessa'llee tokko Qeleeyophaa ka jedhamu, «Guyyoota kanniintti Yerusaalemiin keessatti wonittoota raawwataman ka hin beekinne, keessummaan si'i qofaa?» jedheen. Yesus'llee, «Maali'i inni?» isaaniin jedhe. Isaan'llee akkana jechu'uun ni deebisaniif, «Waayee waan Yesusii Naazireetii irratti raawwatameeti! Inni'llee Waaqaa fi namoota mara duranatti, dubbi'ii fi huji'iin'llee nabiyyii cimaa ta'e ture. Itti gaafatamoonni qeesotaatii fi bulchitoonni keenna'llee murtii du'aatiif dabarsaniinii isa ni kennan, akkuma kana ni fannisaniin. Nu'u garuu, ‹Israa'eeliin ka fayyisu isa› jennee, abddii taasfinnee turre. Haa ta'u malee wonitti kun marrinuu eega raawwatame kunoo, adha guyyaa sadaffa'aati. Gonkumaa nu'u jidduu dubarttoonni jiran tokko tokko nu maalalchiisanii jiran, isaan'llee adha ganama obboro'oon gara bakka awwaalaa dhaqanii turan, garuu reeffa isaa hin arganne, ‹jiraataa ta'ee jira!› maleyikkoota jedhan muldhataan arginee jirra jedhaa'llee, deebi'anii ni dhufan. Nu keessa'llee tokko tokko gara bakka awwaalaa dhaqanii, akkuma dubarttoonni jedhan ta'ee argatan, Yesusiin garuu hin argineen.» Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Isin worra hin hubannee fi worra waan nabiyyoonni dubbatan mara'llee, amanuu irraa'llee onneen keessan ufi duuba hafitte! Masihichiin rakkinna kana mara fudhachu'uu fi gara ulfinnaa aseenuun isaaf ni malaa mitii ree?» Kanaan duubatti kitaaba Muse'eetii fi nabiyyootaa irraa jalqabee, kitaabban qulqullaayomota mara irrattuu waayee isaatiif ka himame tuqa'aa isaan ni hubachiise. Gara ganda inni itti deemuu yeroo dhiyaatanitti'llee, Yesus bira dabrree waan deemu ni fakkaate. Isaan garuu, «Guyyaan dhiyee jira, aduun'llee aseenu'uu isi'iiti, kanaaf nu'uun woliin asi buli!» jedhanii, cimisanii ni kadhataniin, sababa kanaan isaan woliin bulu'uuf, gara manaa ni aseene. Isaan woliin'llee nyaataaf ni taa'e, buddeena ol fuudhee kadhannaa galataa eega taasiseen duubatti, kukkutee isaanii ni kenne. Yeroo sanitti ijji isaanii banameeti Yesusiin ta'uu isaa ni beekan, inni garuu bakkumatti ija isaanii jalaa ni dhokate. Isaan'llee ufii isaaniitii, «Karaa irratti ka nu dubbisa'aa turee fi kitaaba Qulqulluu'llee tuqa'aa nu hubachiisa'aa, onneen keenna akka ibiddaa titti ni bobayaa hin turree ree?» woliin jedhan. Isaan'llee saa'aatima sanitti ka'aniiti gara Yerusaaleemii deebi'anii ni deeman, achitti'llee barattoota isaa kudha tokko worra woliin jiran woliin bakka tokkotti wol gayanii, isaan ni argatan. Isaan'llee, «Gooftaan Yesus dhugamaanuu ka'ee jira! Simoontti'lee mulidhatee jira!» ni jedhan turan. Barattoonni lamaan'llee gara isaaniitiin karaa isaanii irratti, waan ta'ee fi Gooftaan Yesus buddeena yeroo kute attamitti akka isa beekan'llee, isaanitti ni himan. Isaan'llee uduma kana dubbata'aa jiran, Yesus mataan Isaa jidduu isaanii dhaabatee, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin jedhe. Isaan garuu waan hafuura arga'aa jiran isaanitti fakkaatee, nayanii soda'aan ni liqimfaman. Yesus garuu akkana isaaniin jedhe, «Waayee maali'iitiif naatan, waayee maali'iif'llee onnee keessantti shakkitanii? Harka kiyyaa fi miila kiyya'llee arga'aatii ana mataa kiyya ta'uu beekaa, qaqabddan'llee ana laalaa, ana akkuma argitan, hafuurri fooni'ii fi lafee hin qabu.» Kana'llee jedhee harkaa fi miila isaa isaanitti ni muldhise, isaan'llee gammachu'uu fi baayi'inna maalalffataa irraa ka ka'een, amma'llee hin amanneen turan. Yesus'llee, «Waan nyaatamu woyii qabddanii?» jechu'uun, isaan ni gaafate. Isaan'llee qurxummii woxalame diqqoo ni kennaniif. Inni'llee fuudhee isaan duranatti ni nyaate. Yesus'llee, «Isin woliin yeroo turetti seera Muse'ee kennameen, kitaabban nabiyyootaatii fi kitaabban faaru'uu keessatti waayee kiyyaaf ka barreeffame marrinuu raawwatamuu qaba jedhee, dubbiin isinitti hime kana» isaaniin jedhe. Kanaan duubatti kitaabban Qulqulluu hubachuu akka danda'an, sammuu isaanii isaaniif ni bane. Akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Masihiin rakkinna akka fudhatuu fi guyyaa sadaffaa titti'llee du'aa akka ka'u durssee barreeffamee jira, akkuma kana maqaa isaatiin dhiifaminni cubbu'uu Yerusaalemii jalaqabee biyya maratti, ummata maraaf akka lallabamu dubbatamee jira. Isin'llee waan kana maraafuu ragoota. Kunoo! Ani abddii Abbaan kiyya isiniif kenne isinii ni erga, isin'llee olii huminna akka uffataa titti haga uffattanitti, magaalaa Yerusaalemii titti turaa.» Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin magaalaa Yerusaalemiitii isaan baasee haga Bitaaniya'aa isaan ni fide, achitti'llee harka isaa diriirssee isaan ni eebbise. Uduma isaan eebbisa'aa jiru'llee, isaan biraa fooyamee gara samii ol ni deebi'e. Isaan'llee isaa sagadaniiti, gammachuu ol aana'aan gara Yerusaalemii titti ni deebi'an. Waaqa'llee galateeffata'aa yeroo maraa Mana Waaqeffanna'aatii, hin fooyaman turan. Jalqaba dubbiin ni ture, dubbiin'llee Waaqa bira ni ture, dubbiin kun'llee Waaqa ni ture. Inni jalqaba Waaqa bira ni ture. Wonitti marrinuu isaan ni uumame, waan uumame maraa keessaa'llee, wonitti tokko'llee isaa malee ka uumame hin jiru. Isaa keessa'llee jireennatu ture, jireenni kun'llee ifa namootaa ni ture. Ifin dukkanaan ni ifa, dukkanni'llee ifa hin injifattuun. Waaqaan biraa ka ergame Yohaannis ka jedhamu nama tokko ni ture, ragummaa isaatiin naminni marrinuu akka amanuuf, waayee ifaatiif ragaa ta'ee ni dhufe. Inni waayee ifaatiif ragaa bayu'uuf dhufe malee, inni mataan isaa ifaa hin turre. Nama maraaf ka ibisu ifin dhuga'aa gara biyya lafaa dhufa'aa jira ture. Inni'llee biyya lafaa keessa ni ture, biyyi lafaa'llee ka uumame isaan, biyyi lafaa garuu isa hin beekinneen. Gara worra isaa ni dhufe, worri isaa garuu ufitti isa hin fudhanne. Haa ta'u malee worra ufitti fudhatanii fi maqaa isaa titti worra amanan maraaf, mirga ijoollee Waaqaa ta'u'u'uu isaaniif ni kenne. Isaan'llee Waaqa irraa ni dhalatan malee fiixaa namaa, jechuun'llee fedhii foonii irraa yookiin fedhii namaa irraa hin dhalanne. Dubbiin'llee foon ni ta'e, kennaa bilisaatii fi dhuga'aan'llee guuttamee jidduu keenna ni jiraate, Ilmi Abbaa isaa tokkochi ulfinna inni Abbaa isaa biraa qabu ka fakkaatu, arginee jirra. Yohaannis'llee, «Ka ana duubaan dhufu sun ana duranatti ni jira waan tureef ana haalaan ni caala, ka jedhee isinitti hime kunoo kana» jedha'aa, ragaa ni baye. Kennaa bilisaa irraa nu marri keenna kennaa isaa ka bilisaa irraan kennaa bilisaa fudhannee jirra. Seeri karaa Muse'eetiin ni kenname, kennaan bilisaatii fi dhugaan garuu, karaa Yesus Kristosiin ni dhufe. Waaqa ka argeen gonkumaa eennu'llee hin jiru, haa ta'u malee Waaqa Abbaa bira ka jiru, Ilmi isaa tokkochi qoftti ni ibiseen. Namoonni aangoo qaban ka worra Yihudotaa, Yerusaalemii qeesotaatii fi Leewota'llee gara Yohaannisii erganii, «Ati eennuu?» jedhanii yeroo isa gaafachiisanitti, ragummaan inni kenne akka itti aanee jiru, inni'llee, «Ani Masihii miti» jechu'uun ragaa baye malee, hin waakkanne. Isaan'llee, «Eegaa ati eennu? Eliyaasi moo?» jechu'uun ni gaafataniin. Inni'llee, «Miti!» jechu'uun, isaanii ni deebise. Isaan'llee, «Ni dhufa nabiyyichi jedhame si'i moo?» jedhaniin. Inni'llee, «Miti!» jedhe. Isaan'llee, «Eegaa ati eennu? Namoota nu erganitti deebii akka himnnu waayee mataa keetiitiif maal jetta?» jedhaniin. Inni'llee, «Akkuma nabiyyichi Isaayaas dubbatetti, ani ‹karaa Goofta'aa qajeelchaa!› jedha'aa, gammoojji'itti qoonqqa nama iyyuuti» jedhe. Namoonni'llee ka ergaman Farsootaa biraayyi ture, Kanaaf, «Ati Masihii yookiin Eliyaasiin yookiin nabiyyicha ni dhufa jedhame eega hin ta'in eegaa, waayee maali'iif cuuphixa ree?» jechu'uun ni gaafataniin. Yohaannis'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Ain ka cuuphamu bishaaniin, garuu ka isin hin beekinneen jidduu keessan dhaabatee jira. Inni'llee ana duubaan ka dhufu, ani hidhaanuma kophee isaatuu hiiku'uuf'llee ka gayee miti.» Kun'llee ka ta'e Yohaannis itti ni cuupha bakka ture laga Yoordaanosiitiin gamatti ka argamu, magaalaa Bitaaniya'aa titti. Guyyaa itti aanutti'llee Yohaannis gara isaa yoo dhufu argee akkana ni jedhe, «Kunoo, cubbuu biyya lafaa ka dhabamsiisu Hoolaan Waaqaa kana! ‹ka ana duubaan dhufe sun anaan duranatti waan tureef, ana haalaan ni caala› ka isiniin jedhe kana. Ani mataan kiyyaa hin beekuun ture, garuu inni ummata Israa'eelii titti akka muldhatuuf, ani bishaaniin cuupha'aa ni dhufe.» Itti aanssee'llee Yohaannis akkana jechu'uun ragaa ni baye, «Hafuurri Qulqulluun akka handari'ii titti sami'ii yoo bu'uu fi isa irra yoo taa'u ni arge, Ani mataan kiyyaa hin beekuun ture, garuu bishaaniin akka cuuphuuf ka ana erge, ‹Hafuurri Qulqulluun yoo bu'uu fi isa irra yoo taa'u ka argitu, Hafuura Qulqullu'uun ka cuuphu isa› yoo jedhu natti himee jira. Ani'llee kana argee jira, kanaaf inni Ilma Waaqaa ta'uu isaa ragaa ni baya.» Guyyaa itti aanutti'llee Yohaannis barattoota isaa lamaan woliin deebi'ee, achi dhaabatee jira ture, Yohaannis Yesusiin achiin yoo dabrru argee, «Kunoo, Hoolaan Waaqaa» ni jedhe. Barattoonni Yohaannisii lamaan Yohaannis kana yoo jedhu dhagayanii, Yesusiin ni horddofaniin. Yesus'llee ufi duuba garagalee isa yoo horddofan argeeti, «Maal barbaadan?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Rabbii! Eessa jiraatta?» ni jedhaniin. (Rabbii jechuun barsiisaa jechu'u.) Inni'llee, «Koota'aatii laalaa!» isaaniin jedhe. Kanaaf deemaniiti eessa akka jiraatu ni argan. Guyyaa sanitti isa woliin ni oolan, yero'oon'llee gara saa'aatii kudhanii ni ta'a ture. Dubbii Yohaannis dubbate dhagayanii barattoota Yesusiin horddofaniin keessaa tokko, obboleessa Simoon Phexirosii Indriyaasiin ni ture. Indriyaas jalqaba gara obboleessa isaa gara Simoonii dhaqeeti, «Masihii arganneenii jirra!» jedheen. (Masihii jechuun Kristos jechu'u.) Kanaan duubatti Indriyaas Simooniin, gara Yesusii ni fideen. Yesus'llee guutatee laaleeniiti, «Ati ilma Yoana'aa Simoon! Ammaa achitti garuu, Keefaa ni jedhamta» jedheen. (Keefaa jechuun Phexiros yookiin dhagaa siidaa jechu'u.) Guyyaa itti aanutti'llee Yesus gara Galiila'aa deemu'uuf ni barbaade, Filiphosiin'llee argateeti, «Ana horddof!» jedheen. Filiphos'llee akkuma Indriyaasiitii fi akkuma Phexirosii, nama magaalaa Beetesayida'aa ni ture. Filiphos Naatinaa'eliin argatee, «Museen kitaaba seeraatiin, nabiyyoonni'llee kitaabban raagaatiin waayee isaa ka barreessaniif arganneenii jira, inni'llee ilma Yooseefii Yesusii Naazireetiiti» jedheen. Naatinaa'el garuu, «Naazireetiin keessaa wonitti mishaan gonkumaa argamu'uuf ni dandda'aa ree?» jedheen. Filiphos'llee, «Koottuutii laali» jedheen. Naatinaa'el gara isaa yeroo dhufu argee Yesus, «Kunoo! Daba ka hin qabnne nama Israa'eelii ka dhuga'aa!» jechu'uun, waayee isaa ni dubbate. Naatinaa'el'llee, «Eessatti ana beekitta?» jedheen. Yesus'llee, «Filiphos uduu si hin waamniin duranatti, muka harbbu'uu jala uduu jirttu si argee jira» jechu'uun, ni deebiseef. Yeroo sanitti Naatinaa'el, «Yaa Barsiisaa! Ati Ilma Waaqaati! Ati nugusa worra Israa'eeliiti!» jedhe. Yesus'llee akkana ni jedhe, «Ati ka amantte, ‹muka harbbu'uu jala uduu jirttu si argee jira› waan siin jedheef moo? Wonittoota kana caalan mara ufi durana ni argita. Dhugamaan isiniin ni jedha, samiin yoo banamttu, maleyikkoonni Waaqaa'llee Ilma Namaa irraan, yoo ol bayanii fi bu'an ni argitan.» Guyyaa sadaffaa titti, arddii Galiila'aa titti ta argamittu magaalaa Qaanaa jedhamttutti, aciin ni jira ture, haati Yesusii'llee achi ni jirtti ture. Yesusii fi barttoonni isaa'llee gara cidha sanii waamamanii jiran ture. Afeerrii cidha kanaa irratti daadhiin woyinni'ii yeroo dhumumetti haati Yesusii Yesusiin, «Dhaadhiin woyinni'ii isaan jalaa dhumatee jiraa bee!» jetteen. Yesus'llee, «Yaa haadha tiyya! Si'iin woliin maal qaba? Yeroon kiyya amma'llee hin geenne» ni jedheen. Yeroo sanitti haati isaa tajaajilttoota achi turaniif, «Waan inni isiniin jedhu raawwadhaa!» isaaniin jette. Yihudonni naamusa qulqullaayinnaa ni qaban waan turaniif, waabota dhaga'aa jaha achi ni turan, tokko tokkoon isaa'llee bishaan waabaa lamaa yookiin sadihii qabu'uuf ni danda'an turan. Yesus tajaajilttoota isaatiin, «Waabotatti bishaan guutaa!» isaaniin jedhe, isaan'llee haga afaan isaanii titti ni guutan. Kanaan duubatti Yesus tajaajilttoota isaatiin, «Jedhaa amma woraaba'aatii itti gaafatamaa afeerriitiif kennaa!» isaaniin ni jedhe, isaan'llee fidanii ni kennaniif. Itti gaafatamaan afeerri'ii'llee bishaan gara daadhii woyinni'ii titti jijjiirame yeroo afaaniin qabetti, eessaa akka dhufe hin beekinne, tajaajilttoonni bishaan woraabanii garuu ni beekan ture, kanaaf itti gaafatamaan afeerri'ii, ka fuudhu waamee akkana ni jedheen, «Naminni marrinuu durssee ka dhiyeessu daadhii woyinni'ii mishaa ta'e, afeeramitoonni eega dhuganiin duubatti daadhii laafaa ta'e ni dhiyeessa, ati garuu daadhii woyinni'ii mishaa ta'e haga ammaa ni tursiiftte» jedheen. Yesus'llee kana baasa jalqaba baasota maraa ka ta'e kana, arddii Galiila'aa magaalaa Qaana'aa titti ni taasise, bifa kanaan'llee ulfinna isaa ni muldhise, barattoonni isaa'llee isatti ni amanan. Kanaan dubbatti Yesus haadha, obboleeyyan isaa, barattoota isaa woliin'llee gara Qifirnaahoomii ni bu'an, achi'llee guyyoota muraasaaf ni taa'an. Ayyaanni Faasiikaa Yihudotaa dhiyaatee waan jira tureef Yesus gara Yerusaalemii ni deeme, Mana Waaqeffanna'aa titti'llee qotiyyoota, hoolotaa fi handariiwwan worri gurguranii fi qarshii jijjiirttonni ta'anii yoo wol gabayatan isaan ni argate. Yeroo sanitti giraafii haada irraa hojjateeti namoota maraa, hoolotaa fi qotiyyootaan woliin Mana Waaqeffanna'aatii isaan ni baase, qarshii worra qarshii jijjiirttotaa'llee ni bittinneese, minjaalota isaanii'llee ni garagalche. Namoota handarii gurguraniin'llee, «Kana maraa garas fudhadhaa! Mana Abbaa kiyyaa mana daldalaa hin taasisina'aanii!» isaaniin jedhe. Yeroo kanatti barattoonni isaa, «Hinaaffaan waayee mana keetiitiif qabuu akka ibiddaa titti ana ni gube» jedhamee, akka barreeffame ni yaadatan. Kanaan duubatti namoonni aangoo qaban ka worra Yihudotaa Yesusiin, «Ati kana raawwachu'uuf aangoo akka qabddu, baasa maal nutti muldhiftta?» jedhaniin. Yesus'llee, «Mana Waaqeffanna'aa kana diiga'aatii ani guyyaa sadihitti deebisee ni ijaaraan» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Mana Waaqeffanna'aa kana ijaaru'uuf woggaa afurtamii jahaa fixee jira, eegaa ati guyyaa sadihii keessatti ni ijaarittaa ree?» jedhaniin. Yesus garuu, «Mana Waaqeffanna'aa» jedhee ka dubbate, waayee qaama isaa ni ture. Kanaaf Yesus du'aa yeroo ka'etti barattoonni isaa kana dubbatee akka ture ni yaadatan, sababa kanaan kitaaba Qulqulluu keessatti ka barreeffamee fi dubbii Yesus dubbatte'llee ni amanan. Yesus yeroo Ayyaana Faasiika'aa titti Yerusaalemiin uduma jiru baasota inni raawwate arguu isaaniitiin, namoonni baayi'een isatti ni amanan. Yesus garuu namoota maraa ni beeka waan tureef, isaan hin amanne, inni waan onnee namaa keessa jiru maraa ni beeka waan tureef, waayee namaa eennu'llee akka isatti himuuf hin barbaachifnne ture. Niqoodemos ka jedhamu nama tokkotu jira ture, inni'llee gara gosa Fariisotaatii ka ta'e, itti gaafatamaa Yihudotaa ni ture. Naminni kun halkaniin gara Yesus dhufee, «Yaa barsiisaa, Waaqinni isa woliin yoo ta'e malee kaniin baasota ati taasisa'aa jirttu kana taasisu'uuf ka danda'u eennu'llee hin jiru, kanaaf ati Waaqa biraa ka dhuftte barsiisaa akka taate ni beekinna» jedheen. Yesus'llee, «Dhugaa siin jedha, naminni deebi'ee yoo dhalate malee Mootummaa Waaqaa argu'uuf hin dandda'u» jedheen. Niqoodemos'llee, «Eegaa, naminni eega jaarsomeen duubatti attamitti dhalachu'uuf dandda'a? Deebi'ee gara gadaamessaa haadhaa titti galee dhalachu'uuf ni dandda'a ree!? Deebi'ee gara gadaamessaa haadhaa titti galee dhalachu'uuf ni danda'aa ree?» jechu'uun, ni gaafate. Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Dhugaa siin jedha, naminni bishaanii fi Hafuura Qulqullu'uun yoo dhalate malee, gara Mootummaa Waaqaa titti aseenu'uuf hin dandda'u. Foon irraa ka dhalate foon, hafuura irraa ka dhalate hafuura. Kanaaf, ‹lammaffaa dhalachuu isin barbaachisa› waan si'iin jedheef hin maalaliffatin. Bubbeen gara kallattii barbaadde ni bubbisa, qooniqqa isaa'llee ni dhageetta, garuu eessaa akka dhufuu fi garam'llee akka deemuu hin beekittu, ka Hafuuraa irraa dhalate marrinuu akkuma kana.» Niqoodemos'llee, «Kun attamitti ta'u'uuf danda'aa?» jechu'uun, ni gaafateen. Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Ati barsiisaa Israa'eelii taatee uduu jirttu, kana hin beekittuu moo? Dhugaa siin jedha, waan beekinnu ni dubbanna, waan arginu'llee ragaa ni baana, isin garuu ragummaa keenna hin fudhattan. Waan biyya lafaa yoo isinitti himnnu ka hin amanne yoo ta'e, waan sami'ii isinitti yoo himnnuu attamitti amanittan ree? Sami'ii ka bu'e Ilma Namaa malee, gara sami'ii ka baye eennu'llee hin jiru.» Akkuma Museen gammoojji'itti bofa ol fageessee fannise, akkuma kana Ilmi Namaa'llee ol fagaatee fannifamuun ni malaan. Kun'llee ka ta'u ka isatti amanu marrinuu, jireenna bara baraa akka argatuuf. Ka isatti amanu marrinuu jireenna bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badinne Waaqinni biyya lafaa haalaan waan jaalateef, Ilma isaa tokko ni kenne. Waaqinni Ilma isaa gara biyya lafaa ka ergeen, biyyi lafaa Ilma isaatiin akka fayyuuf malee, biyya lafaa irratti murtteessu'uufii miti. Ka isatti amanu itti hin muritteeffamu, ka isatti hin amanne garuu tokko Ilma Waaqaa titti waan hin amaniniif, durumaanuu itti murtteeffamee jira. Muritiin'llee kana, ifin gara biyya lafaa ni dhufe, namoonni garuu hujiin isaanii hamaa waan ta'eef ifa irra dukkana ni jaalatan. «Waan hamaa ka raawwatan marrinuu ifa ni jibba, hujiin isaa hamaan'llee akka isatti hin muldhanneef'llee, gara ifaa hin dhufu. Waan dhugaa ta'e ka raawwatu garuu gara ifaa ni dhufa, gara ifaa ka dhufu'llee wonitti inni raawwate akkaataa bu'ura ajaja Waaqaatiin ta'uun isaa, ifatti akka muldhatuuf.» Kanaan duubatti Yesus barattoota isaa woliin gara biyya Yihuda'aa ni deeme, achitti'llee namoota cuupha'aa isaan woliin yeroo muraasaaf ni ture. Yeroma sanitti Yohaannis bakka bishaan baayi'een ni jira ture dhiyeenna Saalemii titti bakka Enon jedhamttutti ni cuuphaa ture, namoonni'llee dhufa'aa ni cuuphaman turan. Yeroo sanitti Yohaannis hin hidhamnneeyyu ture. Yeroo sanitti barattoota Yohaannisiitii fi Yihudotaa jidduu waayee seera qulqullaayu'uu irratti mormmiin ni ka'e. Barattoonni Yohaannisii'llee gara Yohaannisii dhiyaatanii, «Yaa barsiisaa, Laga Yoordaanosiitiin gamatti ka si woliin turee fi ka ati waayee isaatiif ragaa baateef, kunnoo, inni'llee ni cuupha, namoonni marri'llee gara isaa ni deeman» jedhaniin. Yohaannis'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Naminni kami'llee Waaqinni isaa kenne malee womaayyuu qabaachu'uuf hin dandda'u, ‹Isaan duranatti ergamee jira malee, ani Masihii miti› jedhee, akkuma isinitti hime isin mataan keessanuu ragoota kiyya. Idaayyittii naminni qabu idaayya'a, jaaltichi ka fuudhuu garuu ka fuudhu bira dhaabatee ni dhageeffataan, qooniqqa isaa'llee dhagayu'uun ni gammada, kanaaf gammachuun kiyya'llee kana, inni'llee amma muda maleessa ta'ee jira. Inni ol jechu'utu malaan, ani garuu gadi jechu'utu naan mala.» Ka olii dhufu ka maraa oliit, biyya lafaatii ka ta'e ka biyya lafaati, waan biyya lafaa'llee ni dubbata, ka sami'ii dhufu ka maraayyuu oliiti. Inni'llee waan ka fi ka argee fi ka dhagaye ragaa ni baya, garuu ragummaa isaa ka fudhatu hin jiru. Ragummaa isaa ka fudhatu garuu, Waaqinni dhugaalessa ta'uu isaa ni mirkaneessa. Waaqinni Hafuura isaa ka kennu diqqeessee waan hin ta'iniif, ka Waaqinni erge dubbii Waaqaa ni dubbata. Waaqinni Abbaan Ilma isaa in jaalata, waan maraa harka isaatti kenneefii jira. Ka Ilmatti amanu jireenna bara baraa ni qaba, ka Ilmatti hin amanne garuu dheekkamissi Waaqaa isa irra ni jiraata malee, jireenna hin argatu. Yeroo sanitti Yesus Yohaannisiin caala'aatti namoota baayi'ee barattoota isaa akka taasisuu'uu fi akka cuuphu Farisoonni ni dhagayan, Ta'u'llee ni cuuphan ka turan barattoota isaati malee, inni mataan isaa hin cuuphu ture. Waayee isaatiif waan jedhame Farisoonni akka dhagayan yeroo beeketti Yesus, arddii Yihuda'aa dhiisee gara Galiila'aa deebi'ee ni deeme. Garasi'llee yoo deemu karaa Samaariya'aatiin dabrruu qabu ture. Kanaaf bakka Yaaqoob ilma isaa Yooseefii kenne biraan gara bakka argamittu, Sikaar jedhamttee gara bakka waamamittuu gara magaalaa Samariya'aa ni dhufe. Achi'llee boollaa bishaanii ta Yaaqoobiititu jira ture, Yesus karaa deemuu irraa ka ka'een waan dadhabeef, boolla bira ni taa'e, yero'oon'llee gara saa'aatii jahaa ni ta'a ture. Yeroo sanitti dubarttiin biyya Samaariya'aa takka bishaan woraabu'uuf gara boollaa ni dhufitte, Yesus'llee, «Bishaan ana obaasi» ni jedheen. Yeroo sanitti'llee barattoonni isaa waan nyaataa bitu'uuf, gara magaala'aa deemanii jiran ture. Dubarttiin Samaariyittin tun'llee Yesusiin, «Ati gara worra Yihudotaatii taatee uduu jirttu, attamitti ana Samaariyitti'iin, ‹bishaan ana obaasi!› jettee ana gaafatta?» jetteen, kana jechuun isi'ii, Yihudonni Samaariyotaan woliin woliigaltee waan hin qabnneef ture. Yesus'llee, «Kennaa Waaqaatii fi ‹bishaan ana obaasi!› ka siin jedhu eennuun akka ta'e uduu ka isa beekittu ta'ee, isa kadhachuun ka sirraa malu si ture, inni'llee bishaan jireennaa siif ni kennaa ture» jedheen. Isiin'llee akkana jechu'uun ni deebifitte, «Yaa Gooftaa! Ati waan woraabdduun hin qabddu, boollitti'llee gad fago'o, eegaa, bishaan jireennaa eessaa argatta ree? Ati boolla kana ka nu'uuf kenne abbaa keenna Yaaqoobiin ni caaltta moo? Isaa fi ijoolleen isaa, horiin isaa'llee boolla kana keessaa dhuganii jiran.» Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Bishaan kana irraa ka dhugu marrinuu deebi'ee ni dheebota, bishaan ani kennu irraa ka dhugu garuu bara baraaf gonkumaa hin dheebotu, bishaan ani kennu nama dhuguuf, jireenna bara baraatiif ka burqqu, burqqaa bishaan jireennaa ni ta'a.» Dubarttiin'llee, «Yaa Gooftaa! Ammaa achitti bishaan akka hin dheebonnee fi garana'llee woraabu'uuf akka hin dhufinne yabo'oo bishaan akka kana naaf kenni» jetteen. Yesus'llee, «Deemiitii abbaa worraa kee waamiitii deebi'i!» jedheen. Dubarttiin'llee, «Abbaa worraa hin qabu» jechu'uun ni deebifitte, yeroo kanatti Yesus akkana isi'iin jedhe, «Abbaa worraa hin qabu jechuun kee sirri'i, abbootii worraa shan ni qabdda turtte, naminni amma si woliin jiru abbaa worraa keetii miti, kanaaf dhugaa dubbattee jirta.» Dubarttiin'llee akkana jetteen, «Yaa Gooftaa! akka ati nabiyyii taate amma beekee jira, abbootiin teenna gaara kana irratti ni sagadan, isin garuu, ‹namoonni ka sagaduun isaan irraa malu Yerusaalemitti› jettan.» Yesus'llee akkana isi'iin ni jedhe, «Dubarttii nana! Gaara kana irratti yookiin Yerusaalemtti, Waaqa Abba'aaf yeroon isin itti hin sagadinne akka dhufu amani, isin Waaqa hin beekinneef ni sagadinna, nu'u garuu fayyinni ka dhufu Yihudotaa irraa waan ta'eef, Waaqa beekinnuuf ni sagadinna. Garuu dhuga'aan ka sagadan, Waaqa Abba'aa fi dhuga'aa fi Hafuuraan dhuga'aan yeroon itti sagadan ni dhufa, gonkumaa ammaa dhufee jira, Waaqinni abbaan'llee ka barbaadu worra karaa kanaan isaaf sagadan. Waaqinni Hafuura, worri isaa sagadan'llee Hafuuraa fi dhuga'aan, isaa sagaduun isaaniin irra ni mala.» Dubarttiin'llee, «Kristos ka jedhamu Masihiin akka dhufu ni beeka, inni yoo dhufe waan maraa nu'utti ni hima» jetteen. Yesus'llee, «Kunoo! Ani ka ammaa si haasofsiisa'aa jiru isa» ni jedheen. Kanaan duubatti barattoonni isaa bakka dhaqanii deebi'anii ni dhufan, Yesus dubarttii woliin haasayuu isaatiin ni maalalan, haa ta'u malee, «Maal barbaadda? Yookiin isii woliin maali'iif haasoftta?» jedhee ka isa gaafate, eennu'llee hin turre. Kanaan duubatti dubarttiin waabaa isi'ii dhiifittee gara magaala'aa deemtteeti, namootaan akkana ni jette, «Waan hojjadhe maraa nama natti hime koota'aatii laalaa! Yookiin inni Masihii ta'innaa laata?» Namoonni'llee magaala'aa bayanii gara Yesusii ni dhaqan. Yeroo sanitti barattoonni isaa Yesusiin, «Yaa barsiisa! Waan nyaataa woyii nyaadhu!» jechu'uun, ni kadhataniin. Inni garuu, «Isin ka hin beekinne ani ka nyaadhu nyaata ni qaba» isaaniin jedhe. Kanaaf barattoonni isaa, «Naminni woyii waan nyaataa fideefii jira ta'innaa?» woliin ni jedhan. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Nyaanni kiyya fedhii ka ana ergee taasisu'uu fi hujii isaa'llee raawwachu'u. Isin, ‹ufi durana ji'iin afurrii hafee jira, saniin duubatti'llee yeroo calla'aa ni ta'a› jettanii mitii ree? Ani garuu, ‹ol jedha'aatii bakki qonnootaa yeroo calla'aatiif akka gayan, laalaa!› isiniin jedha. Ka haamu mindaa isaa ni fudhata, jireenna bara baraatiif firii ta'u'llee wolitti ni qaba, kanaaf ka facaasu'llee, ka haamu'llee, woliin ni gammadan. Sababaa kanaan, ‹tokko in facaasa, kuun ammoo ni haama› jechi jedhame, dhuga'a. Ani'llee ka isin itti hin dadhabbiin akka haamittaniif isin ni erge, kuunniin huji'iin ni dadhaban, isin garuu firii dadhabbii isaaniitiin ni fayyadamittan.» Dubarttiin, «Waan hojjadhe maraa ka natti ni hime» jettee akkaataa ragaa baateen, magaalaa sanii namoonni baayi'een Samaariya'aa, ni amanan. Kanaaf namoonni Samaariya'aa gara Yesusii yeroo dhufanitti, isa woliin akka turaniif ni kadhataniin, inni'llee guyyaa lamaaf achi ni ture. Sababa dubbii isaatiin'llee namoonni bira'aa baayi'een'llee, isatti ni amanan. Dubarttiin'llee, «Ammaa achitti isa ka amannuun dubbii ati nutti himtte qofaan uduu hin ta'in, nu mataan keennaa waan isa dheeeffannee fi dhugamaanuu inni Fayyisaa biyya lafaa akka ta'e waan beekinneef» isi'iin jedhan. Yesus Samaariya'atti guyyaa lamaa eega tureen duubatti, gara Galiila'aa ni deeme. Inni mataan isaa, «Nabiyyiin biyya mataa isaa titti hin kabajamu» jedhee, dubbatee ture. Garuu gara Galiila'aa yeroo gayetti namoonni Galiila'aa haala misha'aan ufitti ni fudhataniin, kun'llee ka ta'e Ayyaana Faasiika'aatiif gara Yerusaalemii deemanii yeroo turetti, waan inni achitti raawwate mara, arganii jiran waan tureef. Kanaan duubatti Yesus gara bakka bishaan gara daadhii woyinni'ii itti jijjiire gara bakka arddii Galiila'aa titti argamittuu, gara magaalaa Qaana'aa lammaffaa ni deebi'e, yeroo san Qifirnaahoomitti ilmi isaa ka jalaa dhukkubisate, namichi muudamaan mana mootumma'aa tokko ni jira ture. Inni'llee Yesus arddii Yihuda'aatii gara Galiila'aa dhufuu isaa dhagayee gara isaa ni dhaqe, gara Qifirnaahoomii akka bu'uu fi haalaan dhukkubsatee du'u'uuf ka dhiyaate ilma isaa akka fayyisuuf, Yesusiin ni kadhateen. Yesus'llee, «Isin baasaa fi maalalee yoo argitan malee, womaa hin amanttan!» jedheen. Muudamaan'llee, «Yaa Gooftaa! Ilmi kiyya du'u'uun duranatti, yabo'oo dafii bu'i» jedheen. Yesus'llee, «Gara mana keetii deemi! Ilmi kee lubbu'uun ni jiraataa» jedheen. Namichi'llee dubbii Yesus dubbate amannee, gara mana isaa ni deeme. Yoo deemu'llee tajaajilttoonni karaa irratti argataniinii, «Ilmi kee fayyee jira!» jedhanii, itti ni himan. Inni'llee yeroon ilmi isaa itti woyyate isaan ni gaafate. Isaan'llee, «Kaleessa saa'aatii torba irratti holataan gad ni dhiiseen» jedhaniin. Abbaan'llee Yesus, «Ilmi kee lubbu'uun ni jiraata» ka jedhe yeroma sanitti akka ta'e ni beeke, kanaaf guyyaa sanii jalaqabee isaa fi maatiin isaa marrinuu, Yesusitti ni amanan. Baafinni kun Yesus Yihuda'aa gara Galiila'aa dhufee ka raawwate, baasa lamaffaat. Kanaan duubatti ayyaana Yihudotaa waan tureef Yesus gara Yerusaalemii ni deeme. Yerusaalemitti Balbala hoolotaa biratti afaan worra Ibirootaatiin, «Beetesaayidaa» ka jedhamu, bishaan burqqaa kuufame tokkotuu jira ture, naannoo isaa'llee xurree keessa dabrran ka gara irraatii kurree shanii qabanttu turan. [Dhukkubsattoonni haalaan baayi'een, jaamonni, hokkolttoonnii fi naafonni, xurree keessa dabrran irra ciisanii jiran turan. Achitti'llee socho'uu bishaanichaa ni eeggatan turan, dabrree dabrree'llee maleyikkaan Goofta'aa gara bishaan kuufamee bu'ee bishaanicha ni sochoosa ture, socho'iinssa bishaaniitiin duubatti, jalqaba gara bishaanichaa titti naminni aseene dhukkuba isaa kamiin irraayyuu ni fayya ture.] Achi'llee woggaa soddomii saddeetii guutuu ka dhukkubsate, nama tokkotu jira ture. Yesus nama kana achuma ciisee argeeniiti yeroo baayi'ee irraa jalaqabee dhukkubsachuu isaa beekee, «Fayyu'uuf ni barbaadda moo?» jedheen. Dhukkubsataan'llee, «Yaa Gooftaa! Yeroo bishaan socho'utti ana fidee gara bishaan kuufamee keessa nama ana aseenisisu hin qabu, yoo ani deemu'uuf yaalu naminni bira'aa ana durssee ni bu'a» jedheen. Yesus'llee, «Ka'i!, Siree kee baadhuutii deemi!» jedheen. Namichi'llee bakkumatti ni fayyee, siree isaa'llee baadhatee ni lixe. Kun'llee ka ta'e guyyaa Sanbbataatii ture. Kanaaf namoonni aangoo qaban ka worra Yihudotaa namicha fayye san, «Adha Sanbbataa waan ta'eef siree kee akka baadhattuuf, seerri siif hin eeyyamamu!» jedhaniin. Inni garuu, «Naminni ana fayyise siree kee badhuutii deemi!» naan jedhee jira, isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Siree kee baadhuutii deemi ka siin jedhe eennu?» jechu'uun, ni gaafataniin. Namichi garuu ummanni waan baayi'atee fi Yesus'llee achii irraa fagaatee waan deemeef, ka isa fayyise eennuun akka ta'e hin beeku ture. Kanaan duubatti Yesus namicha fayyiseen Mana Waaqeffanna'aa titti argateeniiti, «Kunoo, amma fayyitee jirta, wonitti kana irra hammaate akka si irra hin geenneef ammaa achitti cubbuu hin hojjatin!» jedheen. Namichi'llee dhaqeeti ka isa fayyise Yesusiin ta'uu isa namoota worra Yihudotaa ka aangoo qabanitti ni hime. Waan kana Sanbbataan waan raawwateef namoonni Yihudotaa ka aangoo qaban Yesusiin, ari'uunii jala ni qaban. Yesus garuu, «Abbaan kiyya yeroo maraa ni hojjata, ani'llee ni hojjadha» jechu'uun, isaanii ni deebise. Jechi kun'llee namoonni worra Yihudotaa ka aangoo qaban, Yesusiin akka ajjeessaniif caala'atti isaan ni kakaase, kun'llee ka ta'e inni Sanbbata diiguu isaa qofaaf uduu hin ta'in, «Waaqinni abbaa kiyya» jechu'uun, mataa isaa Waaqaan waan wol qixxeesseef. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Dhugamaan isiniin jedha, waan Waaqinni Abbaan yoo hojjatu arge hojjachu'uun alatti, Ilmi aangoo mataa isaatiin womaayyuu hojjachu'uuf hin danda'u. Waaqinni Abbaan waan raawwatu Ilmi'llee akkuma kana ni raawwata. Waaqinni Abbaan Ilma waan jaalatuuf waan hojjatu mara itti ni muldhisa, isin'llee akka maalalttaniif, hujii kana caalu'llee itti ni muldhisaan. Waaqinni Abbaan worra du'an akkuma kaasuu fi jireenna'llee akkuma isaanii kennu, Ilmi'llee akkuma kana nama barbaadeef, jireenna ni kennaaf. Waaqinni Abbaan eennuun irratti'llee hin murtteessu, garuu murtii maraa Ilmaa kennee jira. Kana'llee ka raawwate namoonni marrinuu akkuma Waaqa Abbaa kabajjan, akkuma kana Ilma'llee akka kabajaniif, Ilma ka hin kabajine, Ilma ka erge Waaqa Abbaa hin kabajuun. «Dhugaa isiniin jedha, dubbii kiyya ka dhagayuu fi ka ana ergetti'llee ka amanu jireenna bara baraa ni qaba, inni'llee du'a irraa gara jireennaa titti ka ce'e waan ta'eef, itti hin murteeffamu. Dhugaa isiniin jedha, namoonni du'an qooniqqa Ilma Waaqaa yeroon itti dhagaya ni dhufa, yeroon'llee ammuma, worri dhagayaniin marri'llee lubbu'uun ni jiraatan. Waaqinni Abbaan mataan isaatuu burqqaa jireennaa akka ta'u isa taasisee jira. Ilma Namaa ta'uu isaatiin'llee, murtii akka muritteessuuf aangoo kenneefii jira. Waan kanaan hin maalalffatnaa, worri awwaala keessa jiran marrinuu qooniqqa isaa saa'aatiin itti dhagayan ni dhufa. Mishaa worri hojjatan garuu du'aa ka'anii isaan irratti ni murtteeffama.» «Ani aangoo mataa kiyyaatiin womaayyuu raawwachu'uuf hin danda'u, garuu Waaqa Abbaa irraa waan dhagaye ni murtteessa, fedhii ka ana ergee malee fedhii mataa kiyyaa waan hin raawwanneef, murtiin kiyya sirri'i.» Ani waayee mataa kiyyaa ragaa yoo baye ragummaan kiyya dhuga'aa miti. Garuu waayee kiyya ka ragaa bayu ka bira'aa ni jira, inni'llee waayee kiyya ragaa ka bayu, dhugaa ta'uu isaa ni beeka. Isin gara Yohaannis ergamoota ergitanii ture, isaan'llee waayee dhuga'aatiif ragaa bayee jiran. Kana'llee jechuun kiyya akka fayyitaniif malee, waan ana ragummaan namaa ana barbaachiseefii miti. Yohaannis akka ifa bobayuu fi ifuu ni ture, isin'llee yeroo muraasaaf ifa isaatiin gammadu'uu ni barbaaddan. Ani garuu ragummaa Yohaannisii ka caalu ragaa ni qaba, ragaan kiyya'llee Abbaan kiyya akka hojjadhuuf hujii naaf kenne, hujiin hojjadhu kun'llee, Waaqinni Abbaan akkuma ana erge waayee kiyyaaf ragaa ni baya. Ka ana erge Waaqinni Abbaan mataan isaatuu waayee kiyya ragaa bayee jira, isin garuu qoonqqa isaa gonkumaa hin dhageenne, bifa isaa'llee gonkumaa hin arginne. Isin ka inni erge waan hin amanneef dubbiin isaa isin bira hin jiraatu. Isin kitaabban Qulqullu'uun jireenna bara baraa ka argattan waan isinitti fakkaatuuf, isaan ni qorattan, isaan'llee waayeema kiyya ka ragaa bayan. Haa ta'u malee isin jireenna argachu'uuf, gara kiyya dhufuu hin barbaaddan. «Ani ulfinna nama irraa hin barbaadu. Isin onnee keessantti Waaqa ka hin jaalanne ta'uu keessan ni beeka. ani maqaa Abbaa kiyyaatiin dhufee jira, isin garuu ufitti ana hin fudhanne, ka bira'aa maqaa isaatiin yoo dhufe garuu, ufitti ni fudhattaniin. Isin ufii keessan wol irraa ulfinnaa ka barbaaddan, Waaqa tokko irraa ulfinna argamu garuu ka hin barbaanne, attamitti amanu'uuf dandeettan ree? Ani Abbaa kiyya duranatti waan isin himadhuu isinitti hin fakkaatin, ka isin himatu, ka isin himadhu Musee isin abddii taasffattanitti. Musee'llee amantaniinii uduu jiraattaniitii inni'llee waayee kiyya barreessee jiraatii, anatti'llee ni amantaniiyyu ture. Ka inni barreesse yoo amanuu dhabaattan garuu, dubbii kiyya attamitti amanttan ree?» isaaniin jedhe. Kanaan duubatti Yesus Xiberiyaados gara garba ciisaa jedhamuutiin gamaa ni ce'e. Namoonni baayi'een Yesus dhukkubisatoota fayyisu'uun baasa inni taasise yeroo argan, ni horddofaniin. Yesus'llee gara gaaraa bayeeti achi, barattoota isaa woliin ni taa'e. Ayyaanni Faasiikaa Yihudotaa dhiyaatee jira ture. Yeroo sanitti Yesus ummanni baayi'een gara isaa yoo dhufu ol jedhee argeeti Filiphosin, «Nama kana maraaf nyaata gayu eessaa bitu'uuf danddeenna ree?» jedheen. Yesus kana ka dubbateef Filiphosiin qorachu'uuf ture malee, waan raawwatu ammoo inni mataan isaatuu ni beeka ture. Filiphos'llee, «Tokkoo tokkoo isaaniitiif diqqoma diqqoo kutee akka isaanii kennuuf, buddeenni dinaara dhibba lamaa isaanii hin gayuu» jechu'uun ni deebiseef. Barattoota isaa keessaa tokko, obboleessi Simoon Phexirosii Indriyaas akkana ni jedhe, «Buddeena garbu'uu shanii fi qurxxummii lamaa ka qabatee jiru mucaan tokko asi ni jira, garuu kun ummata kana maraaf maal gaya?» Yesus'llee, «Namoonni akka taa'an isaan taasisaa» jedhe. Bakka san'llee marga baayi'etu jira ture, namoonni'llee ni taa'an, laakkofssi isaanii'llee kuma shanii ka gayu ture. Kanaan duubatti Yesus buddeena ol fuudhee galata eega dhiyeesseen duubatti, namoota taa'aniif ni qoode. Akkuma kana qurxxummiiwwan'llee isaanii ni qoode, marrinuu waan haga isaan barbaachisu ni argatan. Marrinuu nyaatanii eega quufaniin duubatti barattoota isaatiin, «Wonitti tokko'llee akka hin hin badinneef hanbbaa hafe'llee wolitti qabaa» isaaniin jedhe. Isaan'llee namoonni nyaatanii ka hafe hambbaa buddeena garbu'uu shanii irraa wolitti qabanii, ginddoo kudha lamaa ni guutan. Namoonni'llee baasa Yesus raawwate yeroo arganitti, «Dhugamaanuu kun gara biyya lafaa nabiyyicha dhufu!» jedhan. Namoonni garuu dirqamaan fudhataniinii isa nugusa taasisu'uuf akka yaadan yeroo beeketti, Yesus adda isaa deebi'ee achi fagaatee, gara gaaraa ol ni baye. Yeroo laftti dhiiyetti'llee barattoonni isaa gara garba ciisa'aa ni bu'an. Hoboloo yaabatanii gara Qifirnaahoomii ni qajeelan, saa'aatii sanitti yeroon dukkanaayee jira ture, Yesus'llee gara isaanii hin dhufinne ture. Bubbeen cimaan ni bubbisa waan tureef, garbi ciisaan ni raafame. Barattoonni isaa'llee haga kiilomeetira shanii yookiin jahaa, bishaan dhayata'aa eega deemaniin duubatti, Yesus garba ciisaa irra tarkaanfata'aa gara hobolo'oo yoo dhiyaatu arganii, ni sodaatan. Inni garuu, «Anaa, hin sodaatinaa!» isaaniin jedhe. Isaan'llee gammachu'uun ufitti fudhatanii gara hobolo'oo irra baasu'uuf ni barbaadan, bakkumatti hoboloon gara bakka dheemittuu ni gette. Guyyaa itti aanutti'llee namoonni garba ciisa'aan gamatti hafanii turan, garba ciisaa irra hoboloon takka qoftti akka turee fi achitti'llee barattoonni isaa adda isaanii titti akka deeman, Yesus garuu isaan woliin hoboloo irra akka hin bayin, arganii turan. Ta'u'llee hoboloowwan kuunniin Xibiryaados ka'anii, gara bakka Yesus kadhannaa galattaa itti taasiseeetii fi gara bakka ummanni buddeena itti nyaatee, bira ni dhufan. Namoonni'llee Yesus yookiin barattoonni isaa bakka san akka hin jirre yeroo arganitti, hoboloowwan sanniin yaabatanii Yesusiin barbaadu'uuf, gara Qifirnaahoomii ni deeman. Garba ciisa'aan gamatti yeroo isa argatanitti'llee, «Yaa barsiisaa, garana yoom dhufitte?» jedhaniin. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebisee, «Dhugaa isiniin jedha, isin ka ana barbaadan buddeena waan nyaattanii fi waan quuftaniif malee, baasa waan argitaniifii miti. Nyaata baduuf hin hojjatinaa, kana irra Waaqinni Abbaan chaaphaa mirkaneessee ka caaphesse, Ilmi Namaa ka isinii kennu, nyaata jireenna bara baraa ta'eef hojjadhaa.» Namoonni'llee, «Eegaa hujiin Waaqaa hojjachu'uuf maal raawwachu'uutu, nurraa mala?» jedhaniin. Yesus'llee, «Hujiin Waaqaa ammoo ka Waaqinni ergetti amanu'u» jechu'uun, isaanii ni deebise. Isaan'llee akkana ni jedhaniin, «Nu'u arginee sitti akka amannuuf baasa maal taasftta? Maal'llee hojjatta? ‹Akka nyaataniif sami'ii buddeenna isaanii ni kenne› jedhamee akkuma barreeffametti, abbootiin keenna gammoojji'itti ‹maannaa› nyaatanii jiran.» Yeroo sanitti Yesus akkana isaaniin jedhe, dhugaa isiniin jedha, «Buddeena sami'ii bu'e ka isaanii kenne Muse'ee miti, buddeena dhuga'aa sami'ii ka isinii kennu Abbaa kiyya, Buddeenni Waaqaa ka sami'ii bu'uu fi biyya lafaatiif jireenna ka kennu.» Kanaaf namoonni, «Yaa Gooftaa! Buddeena bifa kanaa yeroo maraa nuuf kenni» ni jedhaniin. Yesus'llee akkana isaaniin jedhe, «Buddeenni jireennaa ana, gara kiyya ka dhufu gonkumaa hin beelayu, anatti ka amanu gonkumaa hin dheebotu, Isin garuu ana argitanii jirttan, garuu anatti hin amanne isiniin jedha. Ka Waaqinni Abbaan naaf kennu marrinuu gara kiyya ni dhufa, ka gara kiyya dhufu'llee gonkumaa gara alaa titti isa hin ari'uun. Ani sami'ii ka bu'e fedhii ka ana ergee raawwachu'uuf malee, fedhii mataa kiyyaa raawwachu'uufii miti. Fedhiin ka ana ergee'llee, ka naaf kenne mara keessaa tokkoma'llee uduu hin balleessin guyyaa muumme'ee titti, du'aa akka isaan kaasuuf. Ee! Fedhiin Abbaa kiyyaa Ilmaa ka laaluu fi isatti ka amanan marrinuu, jireenna bara baraa akka argataniif, ani'llee guyyaa muumme'ee titti du'aa ni kaasa.» Kanaaf Yesus, «Buddeenni sami'ii bu'e ana» jechuu isaatiin, Yihudonni isa irratti ni guunguman. Akkana'llee ni jedhan, «Kun ilma Yooseefii Yesusii mitii ree? Haadhaa fi abba'aa fi isaa ni beekinnaa mitii ree? Eegaa, amma inni attamitti ‹Sami'ii bu'e› nuun jedha, jedhan?» Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Ufii keessan wolitti hin guunguminaa, Waaqinni Abbaan ana erge ka ufitti harkiseen yoo ta'e malee, gara kiyya dhufu'uuf ka danda'u eennu'llee hin jiru, gara kiyya ka dhufu'llee guyyaa muumme'ee titti du'aa ni kaasan. Kitaabban nabiyyootaa titti, ‹namoonni marrinuu Waaqa irraa ka baratan ni ta'an› jedhamee barreeffamee jira, kanaaf Waaqa Abbaa irraa dhagayee ka barate marrinuu gara kiyya ni dhufa. Kana'llee jechuun Waaqa Abbaa naminni arge ni jira jechu'uu miti, Waaqa Abbaa ka arge Waaqa biraa ka dhufe isa qofa. Dhugamaa isiniin jedha, (anatti) naminni amanu, jireenna bara baraa ni qaba. Ani buddeenna jireennaati, Abbootiin teessan gammoojji'itti maannaa ni nyaatan, garuu ni du'an. Buddeenni sami'ii bu'e kana, buddeena kana'llee ka nyaatu gonkumaa hin du'u. Sami'ii ka bu'e buddeenni jireenna kennu ana, buddeena kana irraa ka nyaatu marrinuu bara baraaf ni jiraata, biyya lafaatiif' jireenna akka ta'u, buddeenni ani kennu foon kiyya.» Yeroo sanitti Yihudonni, «Naminni kun foon isaa akka nyaanuuf attamitti nuuf kennuu danda'a?» jechu'uun, ufii isaaniitii wol ni mormman. Kanaaf Yesus akkana isaaniin ni jedhe, «Dhugaa isiniin jedha, foon Ilma Namaa nyaachuu yoo dhabaattan, dhiiga isaa'llee yoo hin dhugin jireenna hin qabddan. Foon kiyya ka nyaatuu fi dhiiga kiyya'llee ka dhugu marrinuu jireenna bara baraa ni qaba, ani'llee guyyaa muumme'ee titti, du'aa isa ni kaasan. Foon kiyya nyaata dhuga'aa, dhiiginni kiyya'llee dhugaatii dhuga'aati. Foon kiyya ka nyaatuu fi dhiiga kiyya'llee ka dhugu marrinuu, anaan keessa ni jiraata, ani'llee isaa keessa ni jiraadha. Waaqinni Abbaan jiraataan akka ana ergee fi ani'llee isaan jiraataa akka ta'e, akkuma kana foon kiyya ka nyaatu marrinuu, anaan jiraataa ni ta'a. Eegaa buddeenni sami'ii bu'e kana, inni'llee bifa akka abbootiin keessan nyaataniitii miti, buddeenna san ka nyaatan du'anii jiran, buddeenna kana ka nyaatan garuu, bara baraaf ni jiraatan.» Yesus kana ka dubbate, Qifirnaahoomitti, bakka wolgayii isaanii titti, yeroo barsiisutti ture. Barattoonni isaa baayi'eewwn isaanii kana yeroo dhagayanitti, «Haasofnni kun ulffaata'a, eennutu fudhachu'uuf dandda'a?» jedhan. Yesus'llee barattoonni isaa waayee kanaaf akka guunguman hafuura isaatiin beekee akkana isaaniin jedhe, «Wonitti kun isin ni gufachiisa ree? Ilmi Namaa gara duraan ture deebi'ee yeroo dhufu yoo argitan, maal jechu'uuf? Jireenna ka kennu Hafuura Waaqaati, huminni namaa garuu womaafuu hin fayyadu, dubbiin ani isinitti dubbadhe Hafuura, jireennaati'lle'e, garuu isin jiddu'uu tokko tokko ka hin amanne ni jiran» Yesus kana ka dubbate jalqabumaa kaasee worri hin amanne eennuun fa'a akka turanii fi ka dabarssee isa kennu'llee eennuun akka ta'e, ni beeka waan tureef. Itti aanssee'llee Yesus, «Waaqa Abbaa biraa ka eeyyamameef yoo ta'ee malee, gara kiyya dhufu'uuf ka dandda'u hin jiru ka isiniin jedhe kanaaf» jedhe. Sababaa kanaan'llee barattoota isaa keessaa baayi'eewwan gara duubaa titti ni deebi'an, yeroo sanii jalaqabee'llee Yesusiin horddofuu ni dhiisan. Kanaaf Yesus barattoota isaa kudha lamaaniin, «Isin'llee ammoo deemu'uuf ni barbaadanii moo?» isaaniin ni jedhe. Yeroo kanatti Simoon Phexiros akkana jechu'uun ni deebise, «Yaa Gooftaa! Gara eennuu deemnnaa? Ati dubbii jireenna bara baraa ni qabdda. Nu'u amannee jirra, Ilmi Waaqaa jiraata'aa akka taate'llee, beekinnee jirra» jedheen. Yesus'llee, «Isin kudha lamaan keessan isin filadhee jiraa mitii? Garuu isin keessaa tokkochi sheexana!» isaaniin jedhe. Kana'llee ka jedhe waayee ilma Simoonii waayee Yihudaa nama biyya Keriyootii Kristosiitiif ture, Yihudaan yoma kudha lamaan keessaa tokko ta'e'llee, Yesusiin dabarssee ka kennu isa waan tureef. Kanaan duubatti Yesus Galiilaa keessa ni dedeebi'a ture, Yihudonni isa ajjeesu'uuniif ni barbaadaniin waan turaniif garuu, Yihudaa keessa dedeebi'uuf hin barbaanne, Yeroo sanitti'llee ayyaanni Yihudotaa ka daase'ee dhiyaatee jira ture. Kanaaf obboleeyyan isaa gara Yesusii dhiyaatanii akkana ni jedhaniin, «Barattoonni kee hujii ati hojjattu akka arganiif, asii ka'iitii gara arddii Yihuda'aa deemi, ifatti beekkamu'uuf naminni barbaadu hujii isaa dhosa'aan hin raawwatu, ati'llee wonittoota kanniin mara yoo raawwattutti, mataa kee biyya lafaatiif muldhisuu si barbaachisa.» Kana'llee sababaan jedhaniif, obboleeyyan isaatuu isatti waan hin amaniniif. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Yeroon kiyya amma'llee hin geenne, yeroon keessan garuu yoo maraa ka mijaaye. Biyyi lafaa isin jibbu'uuf hin dandda'u, ani garuu hujiin isaa hamaa ta'uu waan ragaa bayuuf, ana ni jibba. Isin gara ayyaanaa deemaa, ani garuu yeroon kiyya amma'llee waan hin gayiniif, gara ayyaana kanaa hin dhaqu.» Kana'llee jedhee, inni Galiila'atti ni hafe. Garuu eega obboleeyyan isaa gara ayyaanaa deemaniin duubatti, inni ifatti uduu hin ta'in dhossa'aan gara bakka ayyaanaa ni dhaqe. Ayyaanicha irratti'llee, «Inni eessa jira?» jedha'aa, Yihudonni ni barbaadaniin ture. Ummanni'llee waayee isaa hasaassi'iin ni haasayan turan, tokko tokkoon isaan, «Inni nama misha'a» yoo jedhan, kuunniin ammoo, «Miti, inni ummata ni dogoggorssa» jedhan ture. Haa ta'u malee namoota worra Yihudotaa ka aangoo qaban sodaachu'uun, eennu'llee waayee isaa ifatti hin dubbanne. Wolakkaan ayyaanaa irratti'llee Yesus gara Mana Waaqeffanna'aa dhaqee, barsiisuu jala ni qabe. Yihudonni'llee, «Naminni kun uduu hin baratin kana mara attamitti beeku'uuf dandda'e?» jedha'aa, ni maalalffatan ture. Kanaaf Yesus akkana jechu'uun ni deebise, «Barsiifnni kiyya ka ana erge Waaqa Abbaa irraa ka argame malee, ana irraayyii miti. Fedhii ka ana ergee raawwachu'uuf ka barbaadu yoo jiraate, barsiifnni kun Waaqa irraa ka argame yookiin ana mataa kiyyaa irraa ka dubbadhe, ta'uu ni beeka. Mataa isaa irraa ka dubbatu ulfinna mataa isaa ni barbaada, ulfinna ka isa ergee ka barbaadu garuu inni dhugaalessa, sobinni'llee keessa hin jiru. Museen seera isiniif kenninee hin jiruu moo? Garuu isin keessaa seera ka raawwatu eennu'llee hin jiru. Isin maali'iif ana ajjeesu'uuf barbaaddan?» Ummanni'llee, «Ati sheexanatu si keessa jira, ennutuu si ajjeesu'uuf barbaada?» jedhaniin. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Ani hujii tokko ni hojjadhe, isin marrinuu hujii kanaan ni maalalffattan. Museen naamusa gadoomaa isaaniif ni kenne, naamufnni kun'llee ka argame abbootii irraayyi malee Musee irraayyii miti, isin'llee bee guyyaa Sanbbataatiin nama ni gadoomisitan. Eegaa, karaa Muse'eetiin naamufnni kenname akka hin diigamnneef, guyyaa Sanbbataatiin naminni ka gadoomu yoo ta'e, eegasuu, ani guyyaa Sanbbataatiin guutummaa namaa fayyisuu kiyyaan, waayee maali'iitiif dallanttan ree? Murtii dhuga'aa murteessaa malee, fuula namaa laalttanii dalo'oon hin murtteesinaa» isaaniin jedhe. Namoota Yerusaalemii keessaa tokko tokkoon isaanii akkana ni jedhan, «Naminni isa ajjeesu'uuf barbaadaniin kanaa mitii ree? Kunoo, inni ifatti ni dubbata, isaan'llee womaayyuu hin jenneen, naminni kun Masihii ta'uu isaa namoonni aangoo qaban, dhugamaanuu beekaniinii jiraatanii laata? Ta'u'llee naminni kun garamii akka ta'e nu'u ni beekinna, Masihiin yoo dhufu garuu garamii akka ta'e, ka beeku eennu'llee hin jiru.» Kanaaf Yesus Mana Waaqeffanna'aa titti yoo barsiisu qooniqqa isaa ol fudhatee akkana ni jedhe, «Ana ni beekittan, garamii'llee akka dhufe ni beekittan, ani garuu aangoo mataa kiyyaatiin hin dhufinne, ka ana erge inni dhugaalessa, isin garuu isa hin beekittaniin. Ani garuu isa biraa waan dhufee fi inni'llee waan ana ergeef, ni beekaan.» Yeroo sanitti qabu'uuniif barbaadanii turan, garuu yeroon amma'llee waan hin gayiniif, eennu'llee isa hin qabnneen. Ta'u'llee ummata keessaa baayi'eewwan isatti ni amanan, akkana'llee ni jedhan, «Masihiin yeroo dhufutti naminni kun baasota taasisee ka caalu, ni taasisaa ree?» jedhan. Namoonni waayee Yesusii hasaassi'iin yoo dubbatan Fariisonni ni dhagayan, kanaaf itti gaafatamoota qeesotaatii fi Fariisonni Yesusiin qabu'uuf, wordiyyoota Mana Waaqeffanna'aa ni ergan. Yeroo sanitti Yesus akkana ni jedhe, «Isiniin woliin yeroo muraasaaf ni tura, saniin duubatti gara ka ana ergee ni deema, isin'llee ana ni barbaadan, garuu ana hin argattan, gara ani jiru'llee dhufu'uuf hin dandeettan.» Kanaaf namoonni worra Yihudotaa ka aangoo qaban akkana woliin jedhan, «Akka nu'u isa hin arganneef, naminni kun garam deemu'uuf laata? Yookiin gara worra Giriikota jiddu'utti bittinnaayanii deemee, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanini barsiisinnaa laata? ‹Ana ni barbaadan, garuu ana hin argattan, gara ani jiru'llee isin dhufu'uuf hin danddeettan› yoo jedhu, maal jechuu isaati?» Muummee ayyaanaa ka ta'e guyyaa ol aana'aan Yesus dhaabateeti, qoonqqa isaa'llee ol fudhatee akkana ni jedhe, «Ka bishaan dheebote yoo jiraate gara kiyya dhufee haa dhugu, ka anatti amanu kitaabnni Qulqulluun akka jedhutti, burqqaan bishaan jireennaa keessa isaatii ni burqqa.» Kana'llee ka dubbate worri isatti amanan isa irraa waayee ka fudhatanii, waayee Hafuura Qulqulluu'uu ture, Yesus'llee amma'llee gara ulfinnaa ol waan hin bayiniif, Hafuurri Qulqulluun hin kennamnneef ture. Kanaaf ummata keessaa tokko tokko dubbii kana yeroo dhagayanitti, «Ni dhufa nabiyyichi jedhame, dhugamaanuu kana!» jedhan. Kuunniin, «Kun Masihi'i» jedhan. Kuunniin garuu, «Masihiin ka dhufu Galiila'aayyii ree? Masihi'iin fiixaa Daawiitiitii keessaa akka dhalatuu fi magaalaa Daawiitii Beetlihemiin keessaa akka bayu, Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffamee hin jiruu ree» ni jedhan. Kanaaf sababaa isaatiin ummata jiddu'utti gargar fooyamiinssi ni ta'e. Tokko tokkoon isaanii isa qabu'uuf barbaadanii turan, garuu eennu'llee isa hin qabnne. Kanaan duubatti worddiyyaa eegiddonni gara worra Fariisotaa deebi'anii ni dhaqan, isaan'llee «Waayee maali'iitiif isa fudhuu dhabiddan?» isaaniin jedhan. Lolttoonni'llee, «Akka naminni kun dubbatutti eennu'llee dubbatee hin beeku» jechu'uun, ni deebisan. Fariisonni garuu akkana ni jedhan, «Isin'llee ammoo dogoggorttanii jirttan? Haa ta'u malee namoota aangoo qaban yookiin Fariisota keessaa ka isatti amanan ni jiranii ree? Ummanni seera Muse'ee hin beekinne kun dhugamaanuu, ka abaarame.» Asiin durana gara Yesusii dhaqee ka turee fi worra Fariisota keessaa tokko ka ta'e Niqoodemos, «Akkaataa seera keennaatiin naminni tokko deebiin himannaa isaa durssee uduu hin dhagayaminii fi maal akka raawwate'llee uduu hin beekkamin, itti ni murtteeffamaa ree?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Ati'llee nama gara Galiila'aati moo? Nabyyiin Galiila'aa akka hin muldhanne, qoradhuu, hubadhu!» ni jedhaniin. Tokko tokkoon isaaniituu, gara mana isaa ni deeme. Kanaan duubatti Yesus gara Gaara Ejerssaa ni deeme. Guyyaa itti aanutti ganama obboroo gara Mana Waaqeffanna'aa deebi'ee ni dhufe, ummanni marri'llee gara isaa ni dhufan, inni'llee taa'ee isaan ni barsiisa ture. Barsiisonni seeraatii fi Fariisonni dubarttii uduu sagaagalttu qabamtte fidaniiti, ummata jidduu ni dhaabachiisaniin. Yesusiin'llee akkana ni jedhaniin, «Yaa barsiisaa, kunoo, dubarttiin tun uduu sagaagalttu qabamttee jirtti, dubarttiin akkanaa tun dhaga'aan woqaramttee akka duutu Museen seera keenna keessatti ajajee jira, ati hoo waayee isi'ii maal jetta?» Kana'llee wonitti jedhaniif isa irratti sababa himanna'aa akka argatan, isa qormaatu'uuf waan barbaadaniif ture, Yesus garuu gad jedhee lafa irratti qubaan barreessuu, jala ni qabe. Irra dedeebi'anii yeroo isa gaafatanitti ol jedheeti, «Isaan keessaa ka cubbuu hin qabnne, dhagaa jalqabaa isii irratti haa darbatu!» isaaniin jedhe. Kanaan duubatti'llee deebi'ee gad jedheeti, lafa irratti ni barreesse. Isaan'llee kana yeroo dhagayanitti jaarsotii irraa jala qabee, marrinuu tokko tokkoon achii ni deeman, kanaaf Yesus dubarttii isaan jidduu dhaabattee turtteen woliin, adda isaa ni hafe. Kanaan duubatti Yesus ol jedhee, «Dubarttii nana, himattoonni kee eessa jiran? Ka sitti murteesse eennu'llee hin jiruu mitii?» isi'iin jedhe. Isiin'llee, «Yaa Gooftaa! Eennu'llee hin jiru» jette. Yesus'llee, «Ani'llee sitti hin murtteessu, deemi, deebitee cubbuu hin hojjatin!» isi'iin jedhe.] Deebi'ee'llee Yesus, «Ani ifa biyya lafaati, ka ana horddofu marrinuu ifa jireennaa ni argata, dukkanaan'llee hin dedeebi'u» jechu'uun, isaanitti ni dubbate. Fariisonni, «Ati waayee mataa keetiitiif ragaa ni baata, ragummaan kee dhuga'aa miti» jedhaniin. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Yoma ani waayee mataa kiyyaa ragaa baye'llee eessaa akka dhufe, garam'llee akka deemu waan beekuuf ragummaan kiyya dhuga'a, isin garuu eessaa akka dhufee fi garam'llee akka deemu, hin beekittan. Isin yaada fooniitiin ni murteessitan, ani eennuun irratti'llee hin murteessu. Yoma murteesse'llee Waaqinni Abbaan ana erge ana woliin waan ta'ee fi ani'llee adda kiyyatti waan hin murtteessineef, murtiin kiyya dhuga'a, ragummaan namoota lamaan dhugaa akka ta'e, seera keessan keessatti barreeffamee jira. Kanaaf ani waayee mataa kiyyaatiif ragaa ni baya, Waaqinni Abbaan ana erge'llee ragaa naaf ni baya.» Yeroo sanitti isaan, «Abbaan kee eessa jira?» jechu'uun, ni gaafataniin. Yesus'llee, «Ana ta'ee Abbaa kiyya'llee hin beekittan, ana ka beekittan uduu ta'eetii, Abbaa kiyya'llee ni beekittan ture!» jechu'uun, isaanii ni deebise. Yesus'llee dubbii kana ka dubbate Mana Waaqeffanna'aa titti bakka sanduuqa qarshii itti fuudhanii bira ta'ee, yeroo barsiisutti. Eegaa, yeroon amma'llee waan hin gayiniif, eennu'llee isa hin qabnneen. Deebisee'llee Yesus akkana isaaniin ni jedhe, «Ani ni deema, isin'llee ana ni barbaaddan, garuu cubbuu keessaniin ni duutan malee, gara ani deemu isin dhufu'uuf hin danddeettan.» Namoonni worra Yihudotaa ka aangoo qaban'llee, «Gara ani deemu isin dhufu'uuf hin danddeettan jechuun isaa, mataa isaa ajjeesu'uuf ta'innaa laata?» woliin jedhan. Itti aansee'llee Yesus akkana isaaniin jedhe, «Isin gadiiyyi, ani ol irraayyi, isin biyya lafaa kana irraayyi, ani biyya lafaa kana irraayyii miti, eennummaa kiyya beekittanii yoo amanuu dhabaattan, cubbuu keessaniin woliin ni duutan ka isiniin jedhe kanaaf.» Isaan'llee, «Ati eennu?» jedhaniin. Yesus'llee akkana isaaniin jedhe, «Ani jalqabumaa kaasee akkuma isinitti hime san, waayee keessan ka dubbadhuu fi ka murtteessu'llee waan baayi'ee ni qaba, haa ta'u malee ka ana erge dhugaalessa, ani'llee biyya lafaa titti ka dubbadhu, isa irraa waan dhagaye.» Isaan garuu waayee Waaqa Abba'aa akka isaanitti dubbate, isaaniif hin galle. Kanaaf Yesus akkana isaaniin ni jedhe, «Ilma Namaa ol fageessitanii yeroo itti fannifttanitti ani isa akka ta'e ni beekittan, akkuma kana Waaqinni Abbaan waan ana barsiise akka dubbadhu malee, aangoo mataa kiyya qofaan womaayyuu akka hin raawwanne, yeroo sanitti ni hubattan. Ka ana erge ana woliin ni jira, yeroo maraa ka raawwadhu isa waan gammachiisuun waan ta'eef, adda kiyyatti ana hin dhiifnne.» Yesus kana yeroo dubbatetti namoonni baayi'een isatti, ni amanan. Yesus Yihudota isatti amananiin akkana ni jedhe, «Isin dubbii kiyyaan uduu jiraattanii, dhugamaanuu barattoota kiyya ni taatan, dhugaa'llee ni beekittan, dhugaan'llee bilisa isin ni baasa.» Isaan'llee garuu, «Nu'u fiixaa Abrahaamiiti, gonkumaa eennuuf'llee garba taanee hin beekinnu, eegaa, ‹ati bilisa ni baatan› ka nuun jettu, attamitti?» jedhaniin. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Dhugamaa isiniin jedha, ka cubbuu hojjatu marrinuu garibcha cubbu'uuti, garbichi yeroo maraa mana keessa hin jiraatu, ilmi garuu yeroo maraa mana keessa ni jiraata. Kanaaf Ilmi bilisa eega isin baase, dhugamaanuu bilisa ni taatan. Fiixaa Abrahaamii ta'uu keessan ni beeka, garuu dubbii kiyya waan hin fudhanneef ana ajjeesu'uuf ni barbaaddan. Ani waan Abbaa kiyya irraa arge ni dubbadha, isin garuu waan abbaa keessan irraa argitan, ni raawwattan.» Isaan'llee, «Abbaan keenna Abrahaam» jechu'uun, ni deebisaniif. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Ijoollee Abrahamii uduu taatanii jiraattanii, hujii Abrahamiiti ni hojjattaniiyyu ture, Ani dhugaa Waaqa irraa dhagaye isinitti ni hime, isin garuu ana ajjeesu'uuf ni barbaaddan, Abraham'llee akkana hin raawwanne. Eegaa isin ka hojjattan hujii abbaa keessaniiti.» Isaan'llee, «Nu'u sagaagalumma'aan diqaalota dhalannee miti, abbaa tokko ni qabnna, inni'llee Waaqa» jedhaniin. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Waaqinni Abbaa keessan uduu ta'ee jiraateetii ana ni jaalattan turttan, ani garana ka dhufeef Waaqa biraayyi, ka ana erge isa malee ani aangoo kiyyaan hin dhufinne. Waayee maali'iitiif haasofnni kiyya isiinii hin galle? Haasaya kiyya dhagayu'uuf waan hin dandeenneef.» «Isin ijoollee abbaa keessan sheexanaati, fedhiin keessan'llee hawwii abbaa keessan raawwachu'u, inni'llee Jalqabumaa kaasee lubbuu ajjeesaa ture, dhugaan isa keessa waan hin jirreef dhuga'aan woliin wolitti dhufeenna woyiituu hin qabu, inni dharaalessaa fi abbaa dhara maraa waan ta'eef, dhara yeroo dubbatutti mataa isaa irraa kaasee ni dubbata. Ani garuu dhugaa waan dubbadhuuf ana hin amantan. Haa ta'u malee isin keessaa, ‹ati cubbama'a› jedhee ka ana gilndisu eennu? Dhugaa ka dubbadhu yoo ta'e eegaa, isin maali'iif ana hin amanne? Ka Waaqaa irraa ta'e dubbii Waaqaa ni dhagaya, eegaa isin dubbii Waaqaa ka hin dhageenneef, Waaqaa irraa waan hin ta'iniif.» Yihudonni, «Ati Samaariyicha, sheexana'llee ni qabdda jechuun keenna, sirri'ii mitii ree?» jedhaniin. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Ani sheexana hin qabu, garuu Abbaa kiyya ni kabajaan, isin garuu ana ni salphifttan. Haa ta'u malee ani ulfinna mataa kiyyaa hin barbaadu, kabajamuu kiyya ka barbaaduu fi ka murtteessu ka bira'aa ni jira. Dhugaa isiniin jedha, ka dubbii kiyya eegu, gonkumaa hin du'u» jedhe. Yihudonni akkana ni jedhaniin, «Sheexana akka qabddu amma beekinnee jirra, Abrahaam'llee du'ee jira, nabiyyoonni'llee du'anii jiran, ati garuu, ‹ka dubbii kiyya eegu hin du'u› jetta, Haa ta'u malee, ati abbaa keenna ka du'e Abrahaamiin, ni caalittaa? Nabiyyoonni du'anii jiran, eegaa, ati mataa kee akka eennuu taasftta?» Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Ani mataa kiyya yoo kabaje kabajaan kiyya gatii hin qabaatu, ka ana kabaju Abbaa kiyya, inni'llee, ‹ka isin Waaqa kenna› jettaniin. Ta'u'llee isin isa hin beekinneen, ani garuu ni beekaan, ani isa hin beekuun yoo jedhe akkuma keessan ka sobaa ni ta'a ture, ani garuu ni beekaan, dubbii isaa'llee ni eeggadha. Hawwiin Abbaa keessan Abrahaamii guyyaa kiyya argee gammadu'uuf ture, argee'llee ni gammade.» Yeroo sanitti Yihudonni, «Ati amma woggama shantamaatuu hin guunne, eegaa attamitti Abrahaamiin argee jira jetta?» jedhaniin. Yesus'llee, «Dhugaa isiniin jedha, Abrahaam uduu hin dhalatiniin duranattuu ani ni jira ture, amma'llee, ufi durana'llee ni jira» isaaniin jedhe. Kanaaf Yihudonni isa woqaru'uuf dhagaa ni guuratan, Yesus garuu isaan jala ufi dhosseeti, Mana Waaqeffanna'aatii bayee ni lixe. Yesus kara'aan yeroo dabrru nama jaamaa ta'ee dhalate ni arge. Barattoonni isaa Yesusiin, «Yaa barsiisaa, naminni kun jaamaa ta'ee ka dhalate cubbuu eennuutiin? Cubbuu mataa isaatii moo yookiin ka maatii isaatiin?» jechu'uun, ni gaafataniin. Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Naminni kun jaamaa ta'e ka dhalate, cubbuu isaa yookiin cubbuu maatii isaatiinii miti, garuu hujiin Waaqaa isaan akka mulidhatuuf. Guyyaa ta'ee uduu jiru hujii ka ana ergee hojjachuu qaba, naminni kumi'llee halkan itti hojjachuu hin dandeenne, ni dhufa.» Biyya lafaa irra yeroo jirutti, ani ifa biyya lafaati. Kana eega dubbateen duubatti lafa irratti tufeeti hancufa isaatiin biyyee ni laanbube, dhoqqee ija namicha jaama'aa dibeeti, «Deemiitii bakka itti cuuphama Saalihomii titti miicadhu» jedheen. (Saalihoom jechuun «Ka ergame» jechu'u.) Kanaaf namichi dhaqee dhiqateeti, laala'aa ni deebi'e. Olloonni isaatii fi namoonni yoo kadhatu ni arganiin turan, «Naminni kun ka taa'ee ni kadhata ture sanii mitii?» jedhan. Tokko tokko, «Ee isa!» jedhan, kuunniin ammoo «Isa fakkaata malee isaa miti!» jedhan. Inni garuu, «Anuma!» jedhe. Namoonni'llee, «Eegaa ijji kee attamitti si banaman?» jedhaniin. Inni'llee, «Yesus naminni jedhame dhoqqee laanbubee ija kiyya dibeeti, ‹gara Saalihomii deemiitii miicadhu› naan jedhe, ani'llee deemee miicadheeti, argu'uuf ni danda'e» jechu'uun, ni deebise. Isaan'llee, «Namichi amma eessa jira?» jedhaniin. Inni'llee, «Eessa akka jiru ani hin beeku» isaaniin jedhe. Kanaan duubatti namoonni namicha jaamaa ture san gara Fariisotaa ni fudhataniin. Yesus dhoqqee laanbubee ijji namichaa akka argan ka taasise, guyyaa Sanbbataatiin ture, Fariisonni, «Attamitti argu'uuf danddeette?» jedhanii, namicha irra deebi'anii ni gaafataniin. Inni'llee, «Ija kiyya irratti dhoqqee naa dibeeti miicadhe, saniin duubatti'llee argu'uuf ni danda'e» jedhe. Yeroo kanatti worra Fariisota keessaa tokko tokkoon isaanii, «Naminni kun Sanbbata waan hin kabajineef, inni Waaqa irraayyii miti» jedhan. Kuunniin garuu, «Eegaa naminni cubbamaa ta'e, baasota kanniin attamitti taasisu'uuf dandda'a?» ni jedhan. Sababa kanaan'llee jidduu isaanii titti, gargar fooyamiinssi ni ta'e. Kanaaf namicha jaamaa tureen, «Ati ammoo ija tiyya naaf fayyisee jira waan jettuun waayee nama sanii maal jetta?» jechu'uun, irra deebi'anii ni gaafataniin. «Inni'llee nabiyyi'i!» jedhe. Naminni kun jaamaa akka turee ijji isaa'llee maa'ii attamitti akka banaman, maatii isaa waamanii haga yeroo gaafatanii titti, namoonni worra Yihudotaa ka aangoo qaban hin amanne turan. Kanaaf maatii isaatiin, «Jaamaa ta'ee dhalate ka jettan ilmi keessan kana moo? Amma hoo attamitti argu'uuf dandda'e?» jechu'uun, isaan ni gaafatan. Maatiin isaa'llee akkana jechu'uun ni deebisan, «Naminni kun ilma keenna ta'uu isaatii fi jaamaa ta'ee dhalachuu isaa ni beekinna, garuu amma attamitti akka arguu fi ija isaa'llee eennu akka isaa fayyiseef hin beekinnu, isuma gaafadhaa, inni umrii isaatiin nama guutuu waan ta'eef, waayee mataan isaa dubbachu'uuf ni dandda'a» jedhan. Waaheloonni isaa kana ka jedhan Yesus, «Masihi'i» naminni jedhu yoo jiraate, namoonni aangoo qaban ka worra Yihudotaa bakka woligayii isaaniitii isa baasu'uuf waan woliigalanii jiraniif, san sodaachu'uun ture. Kanaaf maatiin isaa, «Inni umrii isaatiin nama guutu'u, isa gaafadha'aanii» jedhan. Sababa kanaan namicha jaamaa ture deebi'anii waamanii, «Ati dhugaa dubbachu'uun Waaqa kabaji, naminni kun cubbamaa ta'uu isaa nu'u ni beekinnaa» jedhaniin. Namichi jaamaa ture'llee, «Inni cubbamaa ta'uu isaa ani hin beeku, waan tokko garuu ni beeka, kun'llee ani jaamaa akka turee fi amma argu'uuf akka danda'e qofa» jechu'uun, ni deebise. Isaan'llee, «Maal si raawwate? Ija kee hoo ka si fayyise attamitti?» jedhaniin. Inni'llee, «Durssee isinitti himee jira, isin garuu dhagayu'uuf hin barbaadan, eegaa, waayee maali'iitiif deebitanii dhagayu'uuf barbaadan? Isin'llee barataa isaa ta'uuf ni barbaaddan moo?» isaaniin jedhe. Isaan'llee akkana jedha'aa ni arrabsaniin, «Barataan isaa si'i, nu'u garuu barattoota Muse'eeti, Waaqinni Musee akka haasofssiseen ni beekinna, naminni kun garuu eessaa akka ta'e, hin beekinnu.» Namichi'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Naminni kun eessaa akka ta'ee beekuu dhabuun keessan ana maalalchiisa! Garuu ka ija tiyya naaf ibise isa. Waaqinni cubbamootaaf akka hin dhageenne waan beekkame, garuu Waaqa ka Waaqeffatuu fi fedhii isaa'llee naminni raawwatu yoo jiraate, Waaqinni isa ni dhagayaaf. Jaamaa ta'ee nama dhalate ija isaa ka ibise ni jira yoo jedhamu, biyyi lafaa yeroo uumamittee jala qabee dhagayamee hin beekkamu. Naminni kun Waaqa biraa uduu ta'uu dhabaatee, womaayyuu raawwachu'uuf hin dandda'u ture.» Isaan'llee, «Garri qabddu marrinuu cubbu'uun guutamee ka dhalatte! Ati ammoo nu'u barsiisu'uufii ree?» jedhaniiti, bakka woligayii isaaniitii ni baasaniin. Akka namicha bakka wolgayii isaaniitii baasaniin Yesus ni dhagaye, yeroo argateentti'llee, «Ilma Namaa titti ni amanttaa moo?» jedheen. Inni'llee, «Yaa Gooftaa! Isatti akka amanuu inni eennu!» jedhe. Yesus, «Asiin durana argiteenii jirta, amma'llee ka si dubbisa'aa jiruu ani isa» jedheen. Inni'llee, «Yaa Gooftaa! ni amana!» jedhee sagadeef. Yesus'llee, «Worri hin argine akka arganiif, worri argan'llee akka jaamaniif ani gara biyya lafaa kana, murti'iif dhufee jira» jedhe. Yeroo sanitti Fariisonni Yesusiin bira turan kana dhagayanii, «Eegaa, nu'llee jaamota ta'uu keenna ree?» jedhaniin. Yesus'llee, «Jaamota uduu taataniitii ammoo uduu jiraataniitii cubbuu isinitti hin ta'uuyyu ture, amma garuu ni arginna waan jettaniif, cubbamoota taatanii ni hafittan» isaaniin jedhe. Itti aanssee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Dhugaa isiniin jedha, gara karra gooruu hoolotaa uduu hin ta'in gara bira'aatiin naminni aseenu, hattu'uu fi shiftta'a. Balbalaan ka aseennu garuu tissee hoolotaati. balbala eegaan isaaniif balbala ni bana, hoolonni isaa'llee qooniqqa isaa ni dhagayan, inni'llee hoolota isaa akka maqaa isaaniitiin isaan ni waama, isaan eemara'aa'llee gara alaa titti, isaan ni baasa. Hoolota isaa eega yaaseen duubatti'llee, dura dura isaaniitiin ni deema, hoolonni'llee qooniqqa isaa waan beekaniif, isa ni horddofan. Qooniqqa bira'aa garuu waan hin beekinneef, isa irraa dheessan malee, hin horddofaniin.» Yesus fakkeenna kana isaanitti ni hime, isaan garuu waan inni dubbate hin hubanne. Kanaaf Yesus deebi'ee akkana isaaniin ni jedhe, «Dhugaa isiniin jedha, ani balbala hoolotaati. Worri anaan duranatti dhufan marrinuu hattootaa fi shifttoota, hoolonni garuu isaan hin dhageeffanne. Balballi ana, ka karaa kiyyaan aseenu ni fayya, ni aseena, ni baya, bakka oolu'llee ni argata. Hattuun ka dhufu hatu'uuf, qalu'uu fi balleessu'uuf qofa, ani garuu ka dhufee jireenna akka argatanii fi jireenna irraa hafe, akka qabaataniif.» «Tissichi mishaan ana, tisseen mishaan lubbuu isaa waayee hoolota isaatiif dabarssee ni kenna. Tisseen mindeeffamaa ta'e hoolonni ta isaa waan hin ta'iniif, yayyiin yoo dhufttu yeroo argutti hoolota dhiisee ni dheessa, yayyiin'llee hoolota irraa fudhatee isaan ni bittinneessa. Tissichi'llee ka dheessu mindeeffamaa waan ta'ee fi hoolotaaf'llee waan hin yaadineef. Tisseen mishaan ana, ani hoolota tiyya ni beeka, hoolonni tiyya'llee ana ni beekan. Ani isaan ka beeku Waaqinni Abbaan akka ana beekuu fi akkuma bifa ani'llee Waaqa Abbaa beekuunitti, ani waayee hoolota kiyyaatiif lubbuu kiyya dabarssee ni kenna. Gobbuu kana keessaa ka hin ta'in hoolota bira'aa ni qaba, isaan'llee fidu'utu narraa mala, isaan'llee qooniqqa kiyya ni dhagayan, gobbuu tokko'llee ni ta'an, tisseen'llee tokko ni ta'a.» Deebi'ee'llee fudhachu'uunii akka danda'u lubbuu kiyya ka kennu waan ta'eef, Waaqinni Abbaan ana ni jaalata. «Lubbuu kiyya fedhii kiyyaan ni kenna malee, ana irraa ka fudhatuun eennu'llee hin jiru, lubbuu kiyya Kennu'uu fi deebisee'llee fudhachu'uuf aangoo ni qaba, ajaja kana'llee ka fudhadhe Abbaa kiyya irraayyi.» Haasaya kana irraa ka ka'een worra Yihudotaa jiddu'utti, adda fooyamiinssi ni ta'e. Isaan keessaa'llee baayieewwan, «Inni sheexana ni qaba, maraatee jira, waayee maali'iitiif isa dhageeffattaniin? jedhan.» «Kuunniin ammoo, haasofnni kun afaan nama sheexana qabuu keessaa ka bayuu miti, sheexanni ija jaamotaa fayyisu'uuf, ni dandda'aa ree?» jedhan. Yerusaalemitti yeroon haareffama Mana Waaqeffanna'aa itti kabajamuu ni gaye, yeroon'llee ganna ture, Yesus Mana Waaqeffanna'aa titti xurree keessa dedeebi'iinssa Solomooniitiin ni dedeebi'a ture. Yeroo sanitti Yihudonni naannaya isaa titti wolgayanii, «Haga yoomii titti shakki'iin nu tursiiftta? Ati Masihii yoo taate ifaan nutti himi» jedhaniin. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Ani isinitti himee jira, isin garuu hin amanttan, maqaa Abbaa kiyyaatiin hujiin hojjadhu anaaf raagaa ni baya. Isin garuu gobbuu hoolota tiyyaa keessaa waan hin ta'iniif, ana hin amanttan. Hoolonni tiyya qooniqqa kiyya ni dhagayan, ani'llee isaan ni beeka, isaan'llee ana ni horddofan. Ani jireenna bara baraa isaaniif ni kenna, kanaaf gonkumaa hin badan, harka kiyyaa eennu'llee butee isaan hin fudhatu. Ka isaan anaaf kenne Abbaan kiyya, maraa ni caala. Harka Abbaa kiyyaatii isaan butee fudhachuu ka danda'u, eennu'llee hin jiru. Anii fi Waaqinni Abbaan tokko.» Yeroo sanitti Yihudonni Yesusiin woqaru'uuf, lammaffaa dhagaa ni guuratan. Yesus'llee, «Waaqa Abbaa biraa hujiiwwan mishaa baayi'ee isinitti ni muldhise, eegaa, ka ana woqartaniif kanniin keessaa waayee hujii kamiitiif?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Nu ka si woqaruuf waayee Waaqa irratti dubbii arrabaa dubbachuu keetiitiif malee, waayee hujii kee misha'aatiifii miti, kun'llee ati nama taatee uduu jirttu, mataa kee Waaqa waan taasfitteef» jechu'uun, ni deebisaniif. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Seera keessaniin ammoo, ‹isin waaqota harkaan hojjatamittan ni jedhe› ka jedhu, barreeffamee jiraa mitii ree? Eegaa Kitaaba Qulqulluu diigu'uun hin danda'amu, dubbiin Waaqaa ka isaanii dhufe Kitaaba Qulqulluu, waaqota harkaan hojjataman jedhee eega isaan waame, eegaa ka Waaqinni Abbaan qulqulleessee fi gara biyya lafaa ka erge, ‹ani Ilma Waaqaati› waan jedhe, waayee maali'iitiif, Waaqa irraatti dubbii arrabaa dubbattee jirta jettaniin? Ani hujii Abbaa kiyyaa ka hin hojjanne yoo ta'e, ana hin amaninaa. Hujii Abbaa kiyyaa ka hojjadhu yoo ta'e garuu, yoma anatti'llee amanuu dhabaattan'llee hujii kiyyatti amanaa, bifa kanaan Waaqinni Abbaan ana keessa akka ta'ee fi ani'llee Waaqa Abbaa keessaan akka ta'e, midhaastanii ni beettan» isaaniin jedhe. Isaan'llee deebi'anii isa qabu'uuf ni barbaadan, inni garuu isaan harkaa bayee ni lixe. Deebi'ee'llee Yesus Laga Yoordaanosii ce'ee, gara bakka Yohaannis jalqaba itti ni cuupha turee'llee ni deeme, achitti'llee ni ture. Namoonni baayi'een gara isaa dhufanii, «Yohaannis baasa woyiituu hin taasfnne, garuu wonitti Yohaannis waayee nama kanaatiif dubbate marrinuu, dhugaa ture» jedhan. Achitti'llee namoonni baayi'een isatti ni amanan. Bitaaniyaa ka jiraatu nama Alaazaar jedhamu tokko dhukkubsatee jira ture, Bitaaniyaan Maariyaamii fi obboleettiin isi'ii Maaritaan ganda keessa jiraatan turtte. Maariyaamiin tun'llee miila Goofta'aa shittoo ta dibiddee fi rifeenissa mataa isi'iitiin'llee ta sukuumtteen turtte, Alaazaariin dhukkubsate'llee obboleessa isi'ii ni ture. Obboleetiiwwan'llee, «Yaa Gooftaa, ka ati jaalattuun sun dhukkubsatee jira» jedhanii, gara Yesusii ni ergan. Yesus'llee kana yeroo dhagayetti, «Dhukkubissanni kun du'aan ka gayuu miti, garuu ulfinna Waaqaatiif akka ta'uu fi Ilmi Waaqaa'llee waayee kanaan, akka kabajamuuf» jedhe. Yesus Maaritaaa fi obboleettiin isi'ii Maariyaamiin, obboleessa isaanii Alaazaariin ni jaalata ture. Ta'u'llee Alaazaar dhukkubsachuu isaa yeroo dhagayetti, bakkuma ni jira ture sanitti guyyaa lamaa ni ture. Kanaan duubatti barattoota isaatiin, «Gara arddii Yihuda'aa deebinee haa deeminnu» isaaniin jedhe. Barttoonni isaa'llee, «Yaa barsiisaa! Worra Yihudotaa yeroo muraasaan duranatti si woqaru'uuf ni barbaadan ture, eegaa deebitee garasi ni deemtaa ree?» jedhaniin. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Guyyaa keessa yeroon jiru saa'aatii kudha lamaa mitii ree? guyya'aan ka dedeebi'u ifa biyya lafaa kanaa waan arguuf, hin gufatu. Garuu halkaniin ka dedeebi'u, ifa waan hin qabnneef ni gufata.» Yesus kana eega isaaniin jedheen duubatti, «Waahelli keenna Alaazaar mugee jira, ani garuu hirribaa isa kaasu'uuf ni deema» jedhe. Barattoonni isaa'llee, «Yaa Gooftaa! Mugee yoo jiraate ammoo itti ni fura jechu'u» jedhaniin. Yesus kana ka dubbate waayee du'a Alaazaariitiif ture, isaan garuu waayee hirribaatiif waan dubbate isaanitti fakkaatee ture. Kanaaf Yesus ifatti akkana isaaniin ni jedhe, «Alaazaar du'ee jira, isin akka amanttaniif achi jiraachuu dhabuu kiyyaan, waayee keessaniif gammadee jira, amma garuu gara isaa haa deeminnuu» isaaniin jedhe. Yeroo sanitti Diidimoos ka jedhame Toomaas barattoota kaaniiniin, «Isaan woliin akka duunuuf, nu'llee haa deeminuu» isaaniin jedhe. Yesus yeroo achi gayetti Alaazaar eega awwaalamee guyyaa afurii ta'ee argate. Bitaaniyaan Yerusaalemiin irraa ka fagaattu, haga kiilomeetira sadihiiti, Worra Yihudotaa keessaa'llee baayi'eewwan Maarita'aa fi Maariyaamiin waayee du'a obboleessa isaaniitii, isaan jajabeessu'uuf gara isaanii dhufanii ture. Maaritaan dhufaatii Yesus yeroo dhageettetti isa simachu'uuf ni baate, Maariyaam garuu manatti hafittee turtte. Maaritaan'llee Yesusiin, «Yaa Gooftaa! Uduu ati asi jiraatteetii obboleessi kiyya hin du'u ture, Garuu amma'llee waan kadhattu maraa Waaqinni akka siif kennu, ni beeka» jetteen. Yesus'llee, «Obboleessi kee deebi'ee du'aa in ka'a» jedheen. Maaritaan'llee, «Guyyaa muumme'ee, yeroo du'aa ka'iinssaa titti du'aa akka ka'u, ni beeka» jetteen. Yesus'llee, «Du'aa ka'iinssii fi jireenni'llee ana, ka anatti amanu yoma du'e'llee lubbu'uun ni jiraata, lubbu'uun ka jiraatuu fi anatti'llee ka amanu marrinuu gonkumaa hin du'u, kana ni amanttaa moo?» isi'iin ni jedhe. Isiin'llee, «Ee yaa Gooftaa! Ati gara biyya lafaa ka dhufttu Masihii Ilma Waaqaa ta'uu kee ni amana» jetteen. Maaritaan kana eega dubbatteen duubatti deemtee obboleettii isi'ii maariyaamiin, «Barsiisaan dhufee jira, si'llee ni waama» jettee, dhosa'aan ni waamitteen. Maariyaam'llee kana yeroo dhageettetti dadafaan kaatee, gara isaa ni dhaxxe. Yeroo san Yesus bakkuma Maaritaan isa itti argatte ture malee, gara gandichaa hin aseenne ture. Isii jajabeessu'uuf dhufanii mana keessa isii woliin Yihudonni turan, Maariyaami dadafaan kaatee yoo baatu arganii, gara awwaala Alaazaarii dhaxxee waan bootu isaanitti fakkaatee, ni horddofaniin. Maariyaam'llee gara bakka Yesus ni jira turee dhufttee yeroo isa argitetti, miila isaa jalatti kuftteeti, «Yaa Gooftaa! Uduu ati as jiraateetii obboleessi kiyya hin du'uuyyu ture!» jetteen. Yesus yoo isiin boottuu fi Yihudonni isii woliin dhufan'llee yoo booyan yeroo arigetti, hafuura isaatiin haalaan gaddee sarddamu'uun, «Eessatti ka awwaalttaniin?» jedhe. Isaan'llee, «Yaa Gooftaa! Koottuutii laali!» jedhaniin. Yesus'llee imimmaan isaa ni jisse. Kanaaf Yihudonni, «Attamitti ni jaalataan akka ture laalaa» jedhan. Isaan keessaa tokko tokko garuu, «Ija jaama'aa ka fayyise, naminni kun akka hin duune taasisu'uuf hin danda'u turee ree?» ni jedhan. Yesus haalaan gadda'aa gara awwaalaa ni dhaqe, awwaali'llee goda dhaga'aan cufame ni ture. Yesus'llee, «Dhagicha kaasan!» jedhe. Obboleettiin du'aa Maaritaan, «Yaa Gooftaa! Eega du'ee guyyaa afurii ta'eenii jira, amma ni ajaaya» jetteen. Yesus'llee, «Yoo amante ulfinna Waaqaa ni argita siin jedhee hin turree ree?» jedheen. Namoonni'llee dhagicha ni kaasan, kanaan duubatti Yesus gara olii laalee, «Yaa Abbaa! Waan ana dhageetteef si galateeffadha, yeroo maraa'llee akka naaf dhageettu ni beeka, garuu kana ka jedheef, namoonni asi dhaabatan ati akka ana ergite, akka amananiif jedheeti» jedhe. Yesus kana eega dubbateen duubatti, «Alaazaar! Koottuu bayi!» jedhee, qooniqqa ol aana'aan ni dubbate. Alaazaariin du'e harkaa fi miilli isaa'llee wonittoota ittiin kafanamaniin akkuma kafanamanii jirantti awwaala keessaa ni baye, fuulli isaa'llee akkuma subbeen itti marameen jira ture, Yesus'llee, «Hiika'aatii dhiisa'aanii haa deemuu!» isaaniin jedhe. Maariyaamiin jajabeessu'uuf Yihudota dhufanii turan keessaa baayi'eewwan, waan inni raawwate arganii, Yesusitti ni amanan. Tokko tokkoon isaanii garuu gara Fariisotaa dhaqanii, waan Yesus raawwate isaanitti ni himan. Kanaaf itti gaafatamoonni qeesotaatii fi Farisonni miseensota yaa'ii wolitti qabanii akkana jedhan, «Naminni kun baasota baayi'ee waan raawwatuuf, maal yoo raawwanne woyyaa? Akkanumaan yoo dhiifinneen naminni marrinuu isatti ni amana, worri Rooma'aa'llee dhufanii mana keenna ka waaqeffanna'aatii fi ummata keenna mara'llee, ni dhabamisiisan.» Garuu isaan keessaa tokko woggaa san keessa itti gaafatamaa qeesotaa ka ture Qayyaafaan akkana ni jedhe, «Isin womaayyuu hin beekittan, ummanni marri baduu irra naminni tokko waayee ummataatiif yoo du'e isiniif ka woyyu ta'uu, gonkumaa hin hubanne moo?» Inni'llee kana ka dubbateef ufi irraa burqisiisee hin turre, garuu woggaa sanitti inni itti gaafatamaa qeesotaa waan tureef, Yesus waayee ummataatiif du'uun isaan waan malu ta'uu yoo muldhisu, raaga kana dubbate. Ka du'u'llee waayee ummataa qofaaf uduu hin ta'in, ijoollee Waaqaa ka bittinnaayan'llee bakka tokkotti wolitti qabu'uuf. Kanaaf guyyaa sanii jala qabanii Yesusiin ajjeesu'uuf, ni mari'atan. Achii asitti Yesus Yihudota jidduu ifaan hin dedeebine, garuu achii bayee gara bakka gammoojjii bira jirttu, gara magaalaa Efreem jedhamttuu ni deeme, achitti barattoota isaa woliin ni ture. Ayyaanni Yihudotaa ka Faasiika'aa dhiyaatee jira ture, namoonni baayi'een'llee Ayyaanni Faasika'aa uduu hin gayiniin duranatti, mataa isaanii qulqulleessu'uuf bakka maraa, gara Yerusaalemii ni bayan, Isaan'llee Mana Waaqeffanna'aa keessa dhaabatanii dhufaatii Yesusii ni eeggatan waan tureef, «Maal yaadan? Gara ayyaanaa waan dhufu isinitti hin fakkaatu moo?» jedha'aa ufii isaaniitii wol ni gaafatan ture. Akkuma kana itti gaafatamoonni qeesotaatii fi Fariisonni Yesusiin qabu'uuf akka danda'an, bakka inni jiru naminni beeku yoo jiraate akka isaanii akkeekuuf, nama maraa ajajanii jira ture. Ayyaannni Faasiikaa Yihudotaa kabajamu'uuf guyyaan jahaa yoo hafuun, Yesus gara Bitaaniya'aa ni deeme, Bitaaniyaa Alaazaariin Yesus du'aa isa kaaseen, ganda keessa jiraatu. Achitti'llee irbaata ni qopheessaniif, Maaritaan'llee ni tajaajilttiin turtte, Alaazaar'llee Yesusiin woliin nyaataaf dhiyaatanii worra turan keessaa, tokko ture. Yeroo sanitti Maariyaam gatiin isaa haalaan baayi'ee ka ta'e, Naardoosii qulqulluu irraa ka hojjatame, wolakkaa liitiraa ka ta'u shittoo shurrubbee tokkoo fiddee, miila Yesusii ni dibidde, rifeenissa mataa isi'iitiin'llee ni sukuumtte, manni'llee foolii shitto'ootiin ni guute. Barattoota isaa keessaa tokko Yesus dabarssee ka kennu Yihudaan naminni biyya Keriyoot, «Shittoon kun dinaara dhibba sadihitti gurguramee, qarshiin hiyyeessotaa maali'iif hin kennamnne?» jedhe. Inni'llee kana ka dubbateef hiyyeessotaaf gaddee uduu hin ta'in hattuu waan tureef, qaraaciitii qarshi'ii ka qabu isa waan ta'eef, qarshii qaraaciitii keessa kaayamu irraa fudhachuu barateeti. Yesus akkana ni jedhe, «Guyyaa itti awwaalamuuf qophii raawwatte waan ta'eef dhiisa'aanii. Hiyyeesonni yeroo maraa isinuma woliin jiran, ani garuu yeroo mara isin woliin hin ta'u» jedhe. Yeroo sanitti Yihudota keessaa baayi'eewwan Yesus Bitaaniyaa akka jiru beekanii ni dhufan, ka dhufan'llee waayee Yesusii qofaaf uduu hin ta'in, Yesus du'aa ka isa kaase Alaazaariin'llee laalu'uuf ture. Itti gaafatamoonni qeesotaa garuu, Alaazaariin'llee ajjeesu'uuf ni mari'atan. Isaan ka ka'een Yihudota keessaa baayi'eewwan amantii isaanii dhiisa'aa, Yesusitti ni amanan waan tureef. Guyyaa itti aanutti'llee namoonni ayyaana Faasiika'aatiif dhufan baayi'een, Yesus gara Yerusaalemii ka dhufu ta'u isaa ni dhagayan. Kanaaf damee baala meexxi'ii qabatanii isa simachu'uuf ni bayan, «Hosaa'inaa! Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu, Nugufnni Israa'eelii ka eebbifame!» jedha'aa, ni iyyan ture. Yesus'llee ilmmayyoo harre'ee argateeti isa ni yaabate, kun'llee ka ta'e, «Ati magaalaan Xiyoonii, yaa Yerusaalem hin sodaatin! Kunoo, nugufnni kee, ilmmayyoo harre'ee yaabbatee ni dhufa» jedhamee raaginni bareeffame, akka raawwatamuuf. Barattoonni isaatiif'llee jalqaba wonitti kun isaaniif hin galle ture, garuu yeroo Yesus ulfinnaan gara samii ol bayetti, wonitti kun waayee isaatiif akka barreeffamee fi isaaf akka taasise ni yaadatan. Yesus Alaazaariin awwaala keessaa yeroo isa waamee fi du'aa yeroo isa kaasetti, worri woliin ni jiran turan marrinuu, waayee Yesusii ragaa ni bayan ture. Namoonni baayi'een'llee isaan wolgayu'uuf ka dhufaniif'llee, baasa kana akka taasise dhagayanii waan turaniif. Yeroo sanitti Fariisoonni, «Kunoo, ummanni biyya lafaa marinuu horddofeenii jiran! Nu'u womaayyuu raawwachu'uuf akka hin dandeenne, ni argitanii mitii?» woliin jedhan. Yeroo ayyaanaa titti'llee sagadu'uuf gara Yerusaalemii namoota deeman jiddu'uu, Giriikonni tokko tokko ni argaman ture. Isaan'llee Galiila'aa nama Betsayidaa gara ka ta'ee, gara Filiphosii dhiyaatanii, «Yaa Gooftaa, Yesusiin argu'uuf ni barbaanna» jedhaniin. Filiphos'llee dhaqee Indriyaasitti ni hime, Indryaasii fi Filiphos'llee woliin dhaqanii Yesusitti ni himan. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Kunoo, Ilmi Namaa yeroon itti kabajamu gayee jira, Dhugaa isiniin jedha, firiin qamadi'ii lafa irra buutee yoo hin du'in adduma isi'ii titti ni hafitti, yoo duute garuu baayi'ee ni daraartti. Lubbuu isaa ka jaalatu ni balleessaan, biyya lafaa kanatti lubbuu isaa ka jibbu garuu jireenna bara baraatiif ni eeggataan. Ana tajaajilu'uuf ka barbaadu ana haa horddofu, bakka ani jirutti tajaajilaan kiyya'llee achi ni ta'a, ka ana tajaajilu'llee Waaqinni Abbaan ni kabajaan.» Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Kunoo, lubbuun tiyya sarddamittee jirtti, maal haa jedhu? ‹yaa Abbaa! Saa'aatii kana jalaa ana baasi haa jedhu ree?› Kana akka hin jenneef garuu, ani ka dhufeef saa'aatii rakkinnaa tanaaf. Yaa Abbaa! Maqaa kee kabajiin!» Kanaan duubatti, «Maqaa kiyya kabajeenii jira, akkuma kanaan'llee ni kabajaan!» qooniqqi jedhu, sami'ii ni dhufe. Namoonni achi dhaabatan jiran kana yeroo dhagayanitti, «Bakakka'a!» jedhan. Kuunniin ammoo, «Ka dubbate Maleyikka'a!» jedhan. Yesus garuu akkana jechu'uun ni deebise, «Qooniqqi kun ka dhufe isiniif jedheeti malee, anaaf jedheetii miti, Biyya lafaa kun yeroon itti murtteeffamu amma, bulichaan biyya lafa kanaa sheexanni gara alaa tiit ka gatamu amma, ani'llee arddii irraa gara olii titti yeroo ol fudhatametti, nama maraa gara kiyya ni harkisa.» Yesus'llee kana ka dubbateef du'a attamiitiin akka du'u, yoo muldhisu ture. Namoonni'llee, «Seeraan barreeffamee ka argannu, ‹Masihiin bara baraaf ni jiraata› ka jedhu, eegaa ati, ‹Ilmi Namaa gara olii ol jechuu ni qaba› attamitti jetta? Ilmi Namaa kun hoo eennu?» ni jedhaniin. Yesus'llee akkana isaaniin jedhe, «Amma yeroo muraasaaf isin woliin ifin ni jira, dukkanni akka isin irraa hin geenneef, ifin uduu isinii jiru dedeebi'aa, dukkanaan ka dedeebi'u garam akka deemu hin beeku. Ijoollee ifin uduu isinii jiru, ifatti amanaa.» Yesus kana eega dubbateen duubatti, deemee isaan jala ni milqe. Yesus'llee baasa baayi'ee isaan duranatti yoma taasise'llee, Yihudonni isatti hin amanne. Kun'llee ka ta'e nabiyyichi Isaayaas, «Yaa Gooftaa! Ragummaa keenna eennutu amane? huminni Goofta'aa hoo eennuuf mulidhate?» jechu'uun, dubbiin dubbate, akka raawwatamuuf. Deebi'ee'llee Isaayaas akkana jechu'uun amanuu dhabuu isaanii ni ibise, «Ija isaaniitiin arganiitii fi onnee isaanii titti'llee hubatanii, akka hin deebinee fi akka isaan hin fayyifnneef, Waaqinni ija isaanii jaamissee jira, onnee isaan'llee jabeessee jira.» Isaayaas kana ka jedhe, ulfinna Masihii waan argeef, kanaaf waayee Yesusiitiif kana ni dubbate. Ta'u'llee itti gaafatamoota Yihudotaa keessaa'llee baayi'eewwan Yesusitti amananii jiran, garuu Fariisonni bakka wolgayii isaaniitii akka isaan hin baafinneef sodaachu'uun, ifaan ragaa isaa hin baaneef. Kana'llee ka raawwataniif ulfinna Waaqaa irraa argamu irra, ulfinna nama irraa argamu waan jaalataniif. Yesus qooniqqa isaa ol fudhatee akkana ni jedhe, «Ka anatti amanu ana qofatti uduu hin ta'in, ka ana ergetti'llee ni amana, Ana ka laalu, ka ana erge laala, ka anatti amanu marrinuu dukkana keessa akka hin jiraanneef, ani ifa ta'ee gara biyya lafaa dhufee jira. Dubbii kiyya dhagayee hujii irra ka hin oolichinetti ka murtteessu anaa miti, ani ka dhufeef biyya lafaa fayyisu'uuf malee, biyya lafaa irratti murtteessu'uufii miti. Ana'llee ka hin barbaannee fi dubbii kiyya'llee nama hin fudhanne irratti ka murtteessuu ni jira, dubbiin ani dubbadhe guyyaa muumme'ee titti, isatti ni murtteessa. Ani aangoo mataa kiyyaatiin hin dubbanne, ani ka jedhuu fi ajaja dubbadhu ka naaf kenne, Waaqa Abbaa ana erge. Ajajinni isaa'llee jireenna bara baraa akka ta'e ni beeka. Kanaaf ani ka dubbadhu, waan Waaqinni Abbaan natti hime.» Kunoo, yeroon Ayyaana Faasiikaa Yihudotaatiin durana ni ture, Yesus biyya lafaa kana dhiisee gara Waaqa Abba'aa yeroon itti deemu gayuu isaa ni beeke. Biyya lafaa kana ka jiran worra isaa isaan jaalatee ture, Haga muumme'ee titti'llee isaan ni jaalate. Yesusii fi barattoonni isaa'llee irbaata ni nyaatan ture, Ilmi Simoonii Yihudaan naminni biyya Keriyootii garuu Yesusiin dabarssee kennu'uuf, seexanni onnee isaa keessa yaada hamaa ni buliche. Waaqinni Abbaan aangoo mara akka isaa kennee fi Waaqa biraa bayee akka dhufe, gara Waaqaa'llee akka deemu Yesus ni beeka ture. Kanaaf bakka nyaataatii ka'ee uffata isaa lafa ni kaaye, subbee ittiin sukkuumu'llee fudhee hidha isaa titti ni hidhate. Kanaan duubatti meeshaa irratti miicatantti bishaan buusee, miila barattootaa isaa miicuu jala ni qabe, subbee hidha isaa titti marateen'llee miila isaaniin ni susukkuume. Yesus gara Simoon Phexirosii yeroo dhufetti'llee Simoon Phexiros, «Yaa Gooftaa! Ati miila kiyya ni miicca ree»? jedheen. Yesus'llee, «Waan ani raawwadhu ati amma hin beekitu, maa'ii garuu ni hubatta» jedheen. Phexiros'llee, «Ati gonkumaa miila kiyya hin miicu!» jedheen. Yesus'llee, «Ani miila kee miicuu yoo dhabaadhe ati ana biraa gayaa hin qabddu» jedheen. Simoon Phexiros'llee, «Yaa Gooftaa! Akkana eega ta'e ammoo miila kiyya qofa uduu hin ta'in harkaa kiyya'llee, mataa kiyya'llee naa miici!» jedheen. Yesus'llee, «Qaama isaa ka miicate garri inni qabu marrinuu qulqulluu waan ta'eef, miila isaa miicachu'uun alatti, ka bira'aa isa hin barbaachisu, isin'llee qulqullaayomota, garuu marri keessanuu Qulqullu'uu miti» jedheen. Yesus, «Isin marrinuu Qulqullu'uu miti» ka jedhe, ka dabarssee isa kennu eennuun akka ta'e, ni beeka waan tureef. Miila isaanii eega miiceen duubatti uffata isaa uffateeti gara bakka isaa titti deebi'ee ni taa'e, akkana'llee isaaniin jedhe, «Maal akka isiniif raawwadhe hubattanii ree? Isin ‹barsiisa'aa fi Gooftaa› naan jettan, ani barsiisa'aa fi Gooftaa waan ta'eef ka isin jettan sirri'i. Eegaa ani barsiisa'aa fi Gooftaa keessan ta'ee uduu jiru miila keessan yoo miice, isin'llee ufii keessan miila keessan wolii miicuu qabddan. Ani isiniif akkuma raawwadhe isin'llee akka raawwattaniif, fakkeenna isinii kennee jira.» Dhugaa isiniin jedha, tajaajilaan Gooftaa isaa hin caalu, ergamaan'llee ka isa erge hin caalu. Waan kana uduu beekittanii fi hujii irra uduu oolichitaniinii, isin ka eebbifamttan. Kana ka dubbadhu waayee mara keessaniitiifii miti, ani worra isin filadhe ni beeka, garuu buddeena kiyya ka nyaate ana irratti diinumma'aan ni ka'e ka jedhu, dubbiin Kitaaba Qulqullu'uu raawwatamu qaba. Kun uduu hin ta'iniin duranatti amma durssee ka isinitti himu, eega raawwatameen duubatti eennummaa kiyyatti akka amanittaniif. Dhugaa isiniin jedha, ka ani ergu ka ufitti fudhatu, ana ufitti ni fudhata, ana'llee ka ufitti fudhatu ka ana erge ni fudhata. Yesus kana eega jedheen duubatti hafuura isaatiin sarddameeti, dhugaa isiniin jedha, isin keessaa tokko dabarssee ana ni kenna jechu'uun, ibisee ni dubbate. Barattoonni isaa kana waayee eennuutiif akka dubbate beekuu dhabuu isaaniitiin, ufii isaaniitii woliin ni laalan. Yesus ni jaalataan ka ture, barattoota isaa keessaa tokko isa biraan taa'ee jira ture. Simoon Phexiros isa maqaa dhayeeti, «Waayee eennuu akka dubbate, mee gaafadhu» jedheen. Kanaaf inni morma isaa gara Yesusii dhiyeesseeti, «Yaa Gooftaa! Dabarssee ka si kennu eennu?» jechu'uun, ni gaafateen. Yesus'llee, «Inni'llee buddeenna kana itto'oon tuqee ka afaan kaayuun» jedhe. Kana'llee jedhee buddeenna itto'oon tuqeeti, nama biyya Keriyootii ilma Simoonii Yihudaa afaan ni kaayeen. Yihudaan'llee fuudhaa eega fudhateen duubatti, bakkumatti seexanni isaa keessa ni bule, Yesus'llee Yihuda'aan, «Raawwachu'uuf waan yaadde dafiitii raawwadhu!» jedheen. Yesus waayee maali'iitiif kana akka jedhe worra nyaataaf taa'an keessaa eennu'llee ka galeef hin jiru. Yihudaan qarshii qabaa waan tureef barattoota keessa tokko tokkoon isaanii Yesus, «Waan ayyaanaaf nu barbaachisu biti yookiin hiyyeesotaaf arjjooma kenni» waan isaan jedhe, isaanitti fakkaatee ture. Yihudaan'llee akkuma fuudhaa fudhateen bakkumatti bayee ni lixe, yeroon'llee halkan ture. Eega Yihudaan bayee deemeen duubatti Yesus akkana ni jedhe, «Amma Ilmi Namaa ulffaatee jira, karaa isaatiin'llee Waaqinni ulffaatee jira. Waaqinni karaa isaatiin eega kabajame, Waaqinni'llee isa ni kabajaan, uduu hin turin'llee ni kabajaan. Yaa ijoolle, isin woliin yeroo baayi'ee hin turu, isin'llee ana barbaadan, namoota aangoo qaban worra Yihudotaatiif, ‹gara ani deemu isin dhufu'uuf hin danddeettan› akkuma isaaniin jedhe, amma'llee isiniin'llee akkuma kana ni jedha. Ufii keessan akka wol jaalattaniif ajaja haarawa isinii ni kenna, akkuma ani isin jaaladhetti, ufii keessanii'llee wol jaaladhaa. Ufii keessan yoo wol jaalattan barattoota kiyya akka taatan, naminni marrinuu ni beeka.» Kanaan duubatti Simoon Phexiros Yesusiin, «Yaa Gooftaa! Garami ka deemittu?» jechu'uun, ni gaafateen. Yesus'llee, «Gara ani deemu amma ana horddofu'uuf hin danddeettu, maa'ii garuu ana ni horddoftta» jechu'uun, ni deebiseef. Phexiros'llee, «Yaa Gooftaa! Waayee maali'iitiif amma si horddofu'uuf hin danddeenne? Ani lubbuma kiyya yoo taate'llee waayee keetiif, dabarssee ni kenna!» jedheen. Yesus'llee, «Ati lubbuu kee waayee kiyyaaf dabarssitee ni kennita? Dhugaa siin jedha, adha lukkuun iyyu'uun duranatti, yeroo sadihii ana waakkata» jechu'uun, ni deebise. Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Onneen keessan hin sarddamin, Waaqatti amanaa, anatti'llee amanaa, Mana Abbaa kiyyaa keessa bakki jireennaa baayi'etu jira, yoo ta'uu dhabaate garuu, ‹bakka jiraattan isinii qopheessu'uuf ni deema› isiniin jedha ture. Deemee bakka eega isinii qopheesseen duubatti bakka ani jiru akka jiraattaniif, lammaffaa deebi'ee isin ni fudhadha. Karaa ani deemu'llee ni beekittan.» Toomaas'llee, «Yaa Gooftaa! Garam akka deemittu hin beekinnu, eegaa, karaa attamitti beeku'uuf danddeenna ree?» jedheen. Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Kara'aa fi dhugaan, jireenni'llee ana, karaa kiyyaan yoo ta'e malee eennu'llee gara Waaqa Abba'aa ka dhufu, hin jiru. Ana uduu beekittanii jiraattaniitii Abbaa kiyya'llee ni beekittan ture, ammaa achitti garuu ni beekittaniin, argitaniinii jirttaniin'lle'e.» Filiphos'llee, «Yaa Gooftaa! Waaqa Abbaa nutti muldhisiitii, nu gaya» jedheen. Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Yaa Filiphos! Yeroo kana mara isi'iin woliin yoo jiraadhutti, ana hin beekittu moo? Ana ka arge Waaqa Abbaa ni arge, eegaa ati, ‹Waaqa Abbaa nutti muldhisi› attamitti jetta ree? Ani Waaqa Abba'aan akka jiru, Waaqinni Abbaan'llee ana keessa akka jiru, hin amanttuu ree? Dubbii isinitti dubbadhu aangoo mataa kiyyaatiinii miti, garuu hujii maraa ka hojjatu Waaqa Abbaa ana keessa jiraatu. Ani Waaqa Abbaa keessa akkuma jiru, Waaqinni Abbaan'llee ana keessa akka jiru amanaa, yoo ta'uu dhabaate sababaa hujiiwwan kiyyaatiin ana amanaa. Dhugaa isiniin jedha, ka anatti amanu hujii ani hojjadhu ni hojjata, gonkumaa kana ka caalu ni hojjata, ani gara Waaqa Abba'aa ni deema. Waaqinni Abbaan waayee Ilmaatiin akka kabajamu, waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa isinii ni raawwadha. Waanuma kamiinuu maqaa kiyyaan yoo kadhattan, ani ni taasisa.» «Ka ana jaalattan yoo taate ajaja kiyya eegaa, Ani Waaqa Abbaa ni kadhadha, inni'llee bara baraaf ka isin woliin jiraatu jajjabeessaa bira'aa, isinii ni kenna. Kun'llee Hafuura dhuga'aati, biyyi lafaa waan isa hin arginee fi waan isa hin beekinneef, ufitti isa fudhachu'uuf hin danda'u, isin garuu, inni isin woliin waan ta'ee fi isin keessa'llee waan jiruuf, ni beettaniin. «Haadhaa fi abbaa akka ijoollee hin qabnnee titti adda keessantti isin hin dhiisu, deebi'ee gara keessan ni dhufa. Yeroo muraasaan duubatti biyyi lafaa ana hin argu, isin garuu ana ni argitan, ani jiraataa waan ta'eef isin'llee lubbu'uun ni jiraattan, ani Waaqa Abbaa keessa, isin'llee akkuma ana keessa jirttanitti ani'llee isin keessa akka jiru guyyaa sanitti, ni beekittan.» «Ana ka jaalatu ajaja kiyya'llee ka fudhatuu fi hujii irra ka oolichu, ana ka jaalatu abbaa kiyya ni jaalata, ani'llee ni jaaladhaan, mataa kiyya'llee itti ni muldhisa. «Nama biyya keriyootii uduu hin ta'in Yihudaan bira'aa, yaa Gooftaa! Mataa kee biyya lafaatiif uduu hin ta'in nu'utti ka muldhifttu attamitti?» jedheen. Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Ka ana jaalatu dubbii kiyya ni eeggata, Abbaan kiyya'llee ni jaalataan, nu'llee gara isaa dhufinnee isa woliin, ni jiraanna. Ka ana hin jaalanne dubbii kiyya hin eeggatu, dubbiin dhageettan kun dubbii Waaqa Abbaa ana ergeeti malee, kiyyaa miti.» «Amma isinumaa woliin uduu jiru, waan kana isinitti ni hima, Waaqinni Abbaan maqaa kiyyaan ka ergu Hafuurri Qulqulluun jajabeessan garuu, waan maraa isin ni barsiisa, waan ani isinitti hime maraa akka yaadattan isin ni taasisa.» «Nagaya isiniif ni dhiisa, nagaya kiyya'llee isinii ni kenna, nageenni ani isinii kennu nagaya akka biyyi lafaa isinii kennuutii miti, onneen keessan hin sarddamin, akkuma kanaan'llee hin sodaatin.» Ani ni deema, deebi'ee'llee gara keessan ni dhufa, akka jedhe dhageettanii jirttan, abbaan kiyya isin waan caaluuf ka najaalattan uduu ta'ee, gara Waaqa Abba'aa deemuu kiyyaan ni gammadan ture. Kun yeroo ta'utti akka amanttaniif, duraan durssee isinitti himee jira. Bulichaan biyya lafa tanaa sheexanni dhufuu isaa waan ta'eef ammaa achitti isin woliin baayi'ee hin haasayu. Inni'llee ana irratti huminna woyiituu hin qabu, garuu akka ani Waaqa Abbaa jaaladhu biyyi lafaa akka beekuu danda'u, waan Waaqinni Abbaan ana ajaje maraa ni raawwadha, ka'aa asii haa deeminnuu, jedhe. «Gudeelchi muka woyinni'ii dhugaalessi ana, hojjataan biqilttu'uu'llee Abbaa kiyya, Firii ana irra jiru damee hin daraarre maraa, abbaan kiyya muree ni gataan, damee firii daraaru garuu baayi'essee akka daraaruuf, kittaanee ni qulqulleessaan. Isin'llee waayee dubbii isinitti himeetiin amma qulqullaayomota. Ana keessa jiraadhaa, ani'llee isiniin ni jiraadhaa, dameen gudeelcha muka woyinni'ii irratti jabaate yoo jiraate malee, mataa isaa qofatti firii daraaru'uuf akkuma hin dandeenne, isin'llee anaan yoo jiraachuu dhabaatan, firii daraaru'uuf hin dandeettan.» Ani gudeelcha muka woyinni'iiti, isin'llee dameewwan kiyya, firii baayi'ee daraaru ka danda'u ka anaan jiraatuu fi ka ani'llee isa keessa jiraadhu, garuu ana malee womaayyuu raawwachu'uuf hin dandeettan. Anaan ka hin jiraanne akka dame'ee gara alaa titti gatamee ni goga, dameewwan akkana jiran kunniin, wolitti qabamanii gara ibiddaa itti gatamaniiti ni gubatan. Anaan yoo jiraattan dubbiin kiyya'llee isin keessa yoo jiraatee, waan barbaaddan yoo kadhattan ni argattan. Firii baayi'ee yoo daraarttan kanaan Abbaan kiyya ni ulffaata, isin'llee barattoota kiyya ta'uu keessan ni muldhifttan. Waaqinni Abbaan ana akkuma jaalate, ani'llee isin ni jaaladhe, kanaaf jaalala kiyyaan jiraadhaa. Ani ajaja Abbaa kiyyaa akka raawwadhee fi jaalala isaatiin akka jiraadhu, isin'llee ajaja kiyya uduu raawwattanii, jaalala kiyyaan ni jiraattan. Kana ka isinitti hime gammachuun kiyya isiniin akka ta'uu fi gammachuun keessan'llee, muda maleessa akka ta'uuf. Ajajinni kiyya akkuma ani isin jaaladhe, isin'llee ufii keessan akka wol jaalattaniif. Naminni lubbuu isaa waayee waaheloota isaatiif dabarssee kennuu, ka caalu jaalala hin qabu. Isin'llee waan ani isin ajaju uduu raawwattan, waaheloota kiyya. Tajaajilaan waan gooftaan isaa raawwatu waan hin beekinneef, ammaa achitti tajaajilttoota isiniin hin jedhu, garuu waan Abbaa kiyya irraa dhagaye maraa isinii waan ibiseef, waaheloota kiyya isiniin jedhee jira, anatu isin filate malee isin ana hin filanne, deemttanii firii baayi'ee akka daraarttaniif, firiin keessan'llee jiraataa akka ta'uuf, isin ni muude. Kanaaf waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa, Waaqinni Abbaan isiniif ni kenna. «Eegaa ani ka isin ajaju, ufii keessan akka wol jaalattaniif.» «Biyyi lafaa yoo isin jibbe isiniin duranatti ana akka jibbe beekaa. Ka biyya lafaa yoo taatan biyyi lafaa ka isaa ka ta'e ni jaalata ture, isin garuu ka biyya lafaa waan hin ta'inii fi ani biyya lafaa irraa fooyee waan isin filadheef, biyyi lafaa isin ni jibba. Tajaajilaan Gooftaa isaa hin caalu jedhee ka isinitti hime, yaadadhaa, ana eega ari'an isin'llee ni ari'an, dubbii kiyya yoo eegan, dubbii keessan'llee ni eegan. Ka ana erge waan hin beekinneef, sababa kiyyaan kana mara isin irratti ni raawwatan. Ani dhufee isaanitti uduu himuu dhabaadhee, cubbuu isinitti hin ta'uuyyu ture, amma garuu cubbuu keessaniif sababaa hin qaban. Ana ka jibbu Abbaa kiyya'llee ni jibba, hujii naminni bara'aa hin raawwatin jidduu isaanitti raawwachuu uduu dhabaadheetii, cubbuu isinitti hin ta'u ture, amma garuu kana maraa eega arganiin duubatti, ana'llee Abbaa kiyya'llee jibbanii jiran. Kun'llee ka ta'e ‹sababa malee ana ni jibban› jedhamee, seera isaanii keessatti dubbiin barreeffame akka raawwatamuuf.» «Garuu Waaqa Abbaa biraa ka bayuu fi ani'llee Waaqa Abbaa biraa ka isiniif ergu, Hafuurri dhuga'aa jabeessaan yoo dhufe, inni waayee kiyya ragaa ni baya. Isin'llee jalqaba irraa kaasee anaan woliin waan turttaniif, ragaa ni baatan» jedhe. «Kunoo, kana maraa ka isinitti hime amantiin keessan akka hin raaffaminneef jedheeti. Bakka wolgayii isaaniitii baasanii isin ni ari'an, gonkumaa isin ka ajjeesan marrinuu, Waaqa waan tajaajilanii yeroo itti fakkaatu ni dhufa. Kana'llee ka raawwatan, Waaqa Abbaa ta'ee ana'llee, waan hin beekiniif. Kana isinitti dubbachuun kiyya garuu, yeroon yoo gayu maal akka isiniin jedhe, akka yaadattaniif.» «Kana maraa asiin durana ka isinitti himuu dhabe, isin woliin waan tureef. Amma garuu gara ka ana ergee deemuu kiyya, ta'u'llee isin keessaa ‹garam deemitta› jedhee, ka ana gaafatu hin jiru. Haa ta'u malee kana maraa waan isinitti himeef onneen keessan gaddaan guutamee jira. Ani garuu dhugaa isiniin jedha, deemuun kiyya isiniif ni fayyada, ani yoo hin deemin jabeessaan gara keessan hin dhufu, ani yoo deeme garuu isa isinii ni erga. Inni'llee yeroo dhufetti waayee cubbu'uu, waayee qulqullaayomaatii fi waayee sababa murti'ii'llee, namoota biyya lafaa ni saaxila. Waayee cubbu'uutiif ka saaxilu, anatti waan hin amanneef. Waayee qulqullaayomaa ka saaxileessu, gara Waaqa Abba'aa waan deemuu fi ammaa achitti, waan ana hin argineef, waayee murti'ii ka saaxilu bulichaan biyya lafa kanaa, waan itti murteeffameef.» «Ufi durana ka isinitti himu waan baayi'ee ni qaba, amma garuu isinitti ni ulffaata, Hafuurri dhuga'aa yeroo dhufetti, gara dhugaa maraa isin ni eemara. Inni ka dubbatu waan dhagaye malee, ka isaa waan hin ta'iniif, inni ufi durana wonittoota ta'an maraa isinitti ni hima. Kiyya ka ta'e irraa fudhatee isinitti waan himuuf, ana ni kabaja. Wonitti ka Waaqa Abba'aa ta'e marrinuu kiyya, ‹kiyya ka ta'e irraa fudhatee isinitti ni hima› ka isiniin jedhe kanaaf.» «Yeroo muraasaan duubatti ana hin argitan, deebi'ee'llee yeroo muraasaan duubatti ana ni argitan.» Barattoota isaa keessaa tokko tokkoon isaanii, «Kun, ‹yeroo muraasaan duubatti ana hin argitan, ammoo yeroo muraasaan duubatti ana ni argitan, akkuma kana gara Waaqa Abba'aa ni deema› wonitti nuun jedhu maali'i?» woliin jedhan. «Eegaa kun, ‹ka yeroo muraasaan duubatti› wonitti jedhu kun maali'i? Waan inni dubbatu hin beekinnu» woliin jechu'uun, dedeebisanii wol ni gaafatan. Yesus'llee isa gaafachu'uuf akka barbaadan beekee akkana isaaniin jedhe, «Ufii keessan ka wol gaafattan, ‹yeroo muraasaan duubatti ana hin argitan, ammoo yeroo muraasaan duubatti ana ni argitan› waan isiniin jedheef moo? Dhugaa isiniin jedha, isin ni boottan, ni iyyitan'llee, biyyi lafaa garuu ni gammada, isin ni gadditan, garuu gaddi keessan gara gammachu'uu titti ni jijjiirama. Dubarttiin yeroo deetutti guyyaan ciniinssu'uu isi'ii waan gayeef ni gadditi, eega deetteen duubatti garuu biyya lafaa irratti daa'imnni waan dhalateef, gammachuu isi'ii irraa ka ka'een, sarddama isi'ii hin yaadattu. Akkasuma kana isin amma ni gadditan, garuu ani deebi'ee isin ni arga, onneen teessan ni gammada, gammachuu keessan'llee ka isin irraa fudhatu hin jiru.» «Guyyaa sanitti ana irraa womaayyuu hin kadhattan, dugaa isiniin jedha, Waaqa Abbaa maqaa kiyyaan uduu kadhattaniinii waan maraa, isiniif ni kenna. Haga ammaa titti isin maqaa kiyyaan womaayyuu hin kadhanne, kadhadhaa isiniif kennama, gammachuun keessan'llee muda maleessa ni ta'a. «Haga ammaa titti fakkeennaan isinitti himee jira, ammaa achitti fakkeennaan yeroon isinitti hin himnne ni dhufa, garuu waayee Waaqa Abba'aatiif waan maraa ibisee, isinitti ni hima. Guyyaa saniti maqaa kiyyaan ni kadhattan, ani'llee, ‹Waaqa Abbaa isinii ni kadhadha› isiniin hin jedhu. Sababaan'llee, Waaqinni Abbaan mataa isaatuu waan isin jaalatuuf, Waaqinni Abbaan'llee ka isin jaalate ana waan jaalattanii fi Waaqa biraa'llee akka dhufe, waan amanttaniif. Waaqa Abbaa biraa bayee gara biyya lafaa dhufee jira, deebi'ee'llee biyya lafaa kana dhiisee, gara Waaqa Abba'aa ni deema.» Barattoonni isaa'llee akkana ni jedhan, «Kunoo, amma fakkeennaan uduu hin ta'in, ifatti ni dubbatte, ati waan maraa akka beekittuu fi eennu'llee gaafii siif dhiyeessuu akka hin barbaachifnne, amma beekinnee jirra, kanaaf Waaqa biraa akka dhufitte ni amanna.» Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Amma ammoo isin ni amanaa ree? Haa ta'u malee tokko tokkoon keessan gara mataa keessan ka bittinnoofttanii fi ana adda kiyyatti yeroo itti ana dhiifttan ni dhufa, saa'aatiin'llee amma gayee jira, garuu Waaqinni Abbaan anaan woliin waan ta'eef, adda kiyyaa miti. Kana isinitti dubbachuun kiyya ana keessa taatanii nageenna akka qabaattaniif jedheeti, biyya lafaa kana irra haga jirttanitti rakkinnatu isinitti jira, garuu jabaadhaa, ani biyya lafaa injifadhee jira.» Yesus kana eega dubbateen duubatti ol jedhee gara sami'ii laala'aa akkana ni jedhe, «Yaa Abbaa! Kunoo saa'aatiin gayee jira, Ilmi kee akka si kabajuuf Ilma kee kabajiin, ka kabajitu'llee worra isaa kennite maraaf jireenna bara baraa akka kennuuf, namoota mara irratti aangoo waan isaa kenniteef. Jireenni bara baraa'llee si qofa, ati qoftti Waaqa dhuga'aatii fi Yesus Kristosii ergite'llee, beeku'u. Ani hujii ati naaf kennite raawwadhee, arddii irratti si ni kabaje. Yaa Abbaa! biyyi lafaa uduu hin uumaminiin duranatti, ulfinna si woliin ni qaba tureen, amma'llee ufi biratti ana kabaji.» «Biyya lafaa keessaa filttee namoota naa kenniteef, eennummaa kee isaanitti mulidhisee jira, isaan kee ni turan, ati'llee isaan anaaf ni kennite, isaan'llee dubbii kee eeganii jiran, ka naa kennite marrinuu si irraa akka ta'e, isaan amma beekanii jiran. Dubbii naaf kennite isaaniif kennee jira, isaan'llee fudhataniinii jiran, si biraa bayee dhufuu kiyya'llee dhugamaanuu beekanii jiran, akka ati ana ergite'llee amananii jiran.» «Ani ka kadhadhu isaaniif, kunniin ka naaf kennite kee waan ta'aniif isaanii ni kadhadha, biyya lafaatiif ni kadhadhu. Kiyya ka ta'e marrinuu keeti, kee'llee ka ta'e kiyya, ani'llee isaaniin ni kabajama. Ani ammaa achitti biyya lafaa irra hin jiraadhu, isaan garuu biyya lafaa irra ni jiran. Ani gara kee dhufuu kiyya, yaa Abbaa Qulqulluu, kunniin worra naa kennite akkuma keenna tokko akka ta'an ana maqaa anaa kenniteen isaan eegi. Ani isaan woliin yeroo turetti maqaa naa kenniteen isaan eegee jira, ani isaan ni eege, kanaaf dubbii Kitaaba Qulqullu'uu akka raawwatamu'uuf, kan ilma badi'ii malee gonkumaa isaan keessaa eennu'llee hin banne. Amma ani gara kee dhufuu kiyya, biyya lafaa irra yeroo jirutti gammachuun kiyya ka dubbadhu kan isa biratti, muda maleessa akka ta'uuf. Ani dubbii kee isaaniif kennee jira, akkuma ani biyya lafaatii hin ta'in, isaan'llee biyya lafaa irraayyii miti, kanaaf biyyi lafaa isaan ni jibbe. Hamaa irraa isaan akka eegidduuf malee, biyya lafaatiin ala akka isaan fidduuf si hin kadhadhu. Akkuma ani biyya lafaa irraa hin ta'initti, isaan'llee biyya lafaa irraayyii miti. Dhugamaanuu isaan qulqulleessi, dubbiin kee dhuga'a. Akkuma ati gara biyya lafaa ana ergitetti, ani'llee isaan gara biyya lafaa titti isaan ni erge. Isaan dhugamaanuu Qulqullaayomota akka ta'aniif, ani'llee mataa kiyya waayee isaaniitiif, ufi Qulqulluu ni taasisa.» «Karaa dubbii isaatiin'llee anatti waan amananiif'llee, ni kadhadha malee, isaan qofaaf hin kadhadhu. Ani'llee ka kadhadhu marrinuu akka tokko ta'aniif, akkuma kana Yaa Abbaa! Ati ana keessa akkuma jirttutti, ani'llee akkuma si keessa jirutti, isaan'llee nu keessa akka jiraataniif, ati akka ana ergite'llee biyyi lafaa akka amanuuf. Akkuma nu'u tokko taane isaan'llee tokko akka ta'aniif, ulfinna naaf keennite isaaniif kennee jira. Ani ka kadhadhu ani isa keessa ati'llee ana keessa taate, isaan'llee dhugamaan tokko akka ta'aniif, akkuma kana ana akka ergitee fi haguma ana jaalatteen, isaan'llee akka jaalatte biyyi lafaa akka beekuuf. «Yaa Abbaa! Biyyi lafaa uduu hin uumamiin waan ana jaalateef, ulfinna kiyya ka anaaf kennite akka arganiif, isaan kunniin ati naa kennite'llee bakka ani jiru, anaan woliin akka jiraataniif ni jaaladha. Yaa Abbaa Qulqullaayomaa! Biyyi lafaa si hin beekinne, ani garuu si ni beeka, kunniin'llee akka ati ana ergite beekanii jiran. Jaalallitti ati ana ittiin jaalate isa irratti akka ta'uu fi ani'llee isaaniin akka ta'u, isaan'llee si akka beekan taasisee jira, akkuma kana akka si beekan isaa ni taasisa.» Yesus eega kana jedheen dubbatti barattoota isaa woliin, gara sulula Qedrooniitiin gamaa ni deeme, achii'llee gara bakka biqilttu'uu tokko barattoota isaa woliin ni aseene. Yesusii fi barattoonni isaa'llee yeroo mara bakka sanitti wol ni gayan waan turaniif, Yihudaan isa dabarssee kenne'llee bakka san ni beeka ture. Kanaaf Yihudaan miseensa lolttootaa tokko, akkuma kana itti gaafatamoota qeesotaatii fi Fariisota biraa worra ergaman, itti gaafatamoota wordiyyootaa qabatee gara bakka sanii ni dhufe, isaan'llee faanosaa fi xomborraa, meeshaa woraanaa'llee, qabatanii jiran ture. Yesus'llee waan isa irra gayu'uuf jiru maraa beekee gara isaanii gadi bayee, «Eennuun barbaadan?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Yesusii Naazireetiiti barbaanna» jedhaniin. Inni'llee «Ana!» isaaniin jedhe. Yihudaan dabarssee isa kenne'llee isaan woliin dhaabatee jira ture. Yesus'llee, «Ana» yeroo isaaniin jedhetti gara duubaa titti siiqaniiti, arddii irratti ni kufan. Yesus'llee, «Eennuun barbaadan?» jechu'uun irra deebi'ee isaan ni gaafate. Isaan'llee, «Yesusii Naazireetiiti barbaanna» jedhan. Inni'llee, «Ana isiniin jedhee jira, eegaa ka barbaadan ana eega ta'e isaan kanniin dhiisa'aanii haa deemanii» jedhe. Kun'llee ka ta'e «Yaa Abbaa, namoota naaf kennite keessaa tokkochuma'llee hin balleessine» dubbiin jedhee ture, akka raawwatamuuf. Simoon Phexiros'llee billaya qabatee waan tureef, luqqifateeti tajaajilaa itti gaafatamaa qeesotaa dhayee gurra isaa ka mirgaa ni mure, maqaan tajaajila'aa'llee Maalkos jedhama ture. Yesus garuu Phexirosiin, «Billaya kee gara qola isaa titti deebisi! Duloo sarddamaa ka Waaqinni Abbaan naa kenne, waan hin dhuginneen sitti fakkaadha ree?» jedheen. Kanaan duubatti lolttootaa fi ajajaan isaanii, itti gaafatamoonni woriddiyyaa Yihudotaa'llee, Yesusiin qabanii ni hidhaniin. Jalqaba gara Haanna'aa ni fudhataniin, Haannaan'llee woggaa san keessa itti gaafatamaa qeesotaa ture Qayyaafa'aaf, soddaa isaa ni ture. Qayyaafaan, «Naminni tokko waayee ummataatiif yoo du'ee misha'a» jechu'uun, namoota aangoo qaban ka worra Yihudotaa ka gorsse. Simoon Phexirosii fi barataan bira'aa Yesusiin ni horddofaniin, barataan bira'aa sun'llee itti gaafatamaa qeesotaa biratti nama beekkame ture, kanaaf Yesusiin woliin gara moonaa itti gaafatamaa qeesotaa ni aseene, Phexiros garuu gara alaatiin balbala biraan dhaabatee jira ture, barataan itti gaafatamaa Qeesotaa biratti beekkame sun'llee dhufeeti, shamaree balbala eegiddutti himee, Phexirosiin ni aseensise. Shamareen worddiyyaa'llee Phexirosiin, «Ati'llee barattoota nama kanaa keessaa tokkoo mitii ree?» jetteen. Inni garuu, «Ani miti» jedhe. Yeroon qorra waan tureef tajaajilttootaa fi itti gaafatamoonni wordiyya'aa cilee irraa ibidda bobeessanii, dhaabatanii ni oo'ifatan ture, Phexiros'llee isaan woliin dhaabatee ni oo'ifata ture. Yeroo sanitti itti gaafatamaa qeesotaa Yesusiin, waayee barattoota isaatii fi waayee barsiisa isaa'llee ni gaafateen. Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Ani nama marrattuu ifaan dubadhee jira, bakka Yihudonni marrinuu wol itti gayan ta'ee, mana waaqeffannaa isaanii titti, yeroo maraa ni barsiise, dhossa'atti wonitti dubbadhe tokko'llee hin jiru, egaa, waayee maali'iitiif ana gaafatta ree? Worra yoo ani isaanitti dubbadhu dhageeffatan gaafadhu, waan dubbadhe isaan ni beekan.» Yesus yeroo kana dubbatetti worra achi dhaabatanii turan itti gaafatamaan wordiyyootaa keessaa tokko, «Itti gaafatamaa qeesotaatiif deebiin deebifittu akkaanaa ree?» jechu'uun, Yesusiin dhabanaassa'aan ni dhayeen. Yesus'llee, «Dubbii hamaa dubbadhee yoo jiraadhe, hamaa dubbachuu kiyyaaf ragaa bayi, wonitti dubbadhe dhugaa yoo ta'e garuu, waayee maali'iitiif ana dhoofitta ree?» jedheen. Kanaan duubatti Haannaan, Yesusiin akkuma hidhameen, gara itti gaafatamaa qeesotaa gara Qayyaafa'aa ni ergeen. Yeroo sanitti Simoon Phexiros dhaabatee ibidda ni oo'ifata ture, namoonni kuunniin'llee, «Ati hoo barattoota Yesusii keessaa tokkoo mitii?» jedhaniin. Inni'llee, «Ani miti!» jedhee waakkate. Naminni Phexiros gurra mure fira isaa ka ta'e itti gaafatamoota qeesotaa keessaa tajaajilaan tokko, «Bakka biqilttu'uu titti isa woliin si argee hin turre moo?» jedheen. Phexiros'llee irra deebi'ee ni waakkate, bakkumatti lukkuun ni iyye. Kanaan duubatti Yesusiin mana Qayyaafa'aatii gara moonaa bulchaa biyyaa ni fudhataniin, yeroon'llee ganama obboroo ture, Yihudonni hoolaa Ayyaana Faasiika'aatiif qalamu nyaachuu waan qabaniif, akka hin battoofinneef ganama obboro'oon gara moonaa bulchaa biyyaa keessa hin aseenne. Kanaaf Philaaxos gara isaanii gad bayeeti, «Nama kana irratti himannaan isin dhiyeessitan maal'i?» jechu'uun, isaan ni gaafate. Isaan'llee, «Naminni kun hamaa raawwataa ta'uu uduu dhabaatee, si'iif dabarssinee hin kenninuun ture» jechu'uun, ni deebisaniif. Philaaxos'llee, «Isinummaan mataan keessan fudhadhaatii, akkaataa seera keessaniin itti murtteessaanii!» isaaniin jedhe. Yihudonni'llee, «Nu nama ajjeesu'uuf, nuuf hin eeyyamaminne» jedhaniin. Kun'llee ka ta'e Yesus du'a attamiitiin akka du'u, dubbiin dubbatame akka raawwatamuuf. Philaaxos'llee deebi'ee gara moona'aa ni aseene, Yesusiin'llee waamee, «Ati nugusa worra Yihudotaatii?» jechu'uun, ni gaafateen. Yesus'llee, «Ati kana ka jettu, mataa kee irraayyi moo? Yookiin kuunniin waayee kiyyaa sitti himanii jiran?» jedheen. Philaaxos'llee, «Ani Yihudichaa ree? Si dabarssanii anaaf ka kennan worra keetii fi itti gaafatamoota qeesotaa titti, wonitti ati raawwatte maali'i?» jedheen. Yesus, «Mootummaan kiyya biyya lafaa kana irraayyii miti, Mootummaan kiyya biyya lafaa kana irraa uduu ta'ee jiraateetii ammoo, harka worra Yihudotaa ka aangoo qabanii titti akka hin kufnneef lolttoonni kiyya naaf ni lolan ture, Mootummaan kiyya garuu biyya lafaa kana irraayyii miti!» jechu'uun, ni deebise. Philaaxos'llee, «Eegaa, ati, nugusa kaa?» jedheen. Yesus'llee, «Ani nugusa akka ta'e ati dubbatee jirta, ani ka dhaladhee fi gara biyya lafaa'llee ka dhufe waayee dhuga'aa ragaa bayu'uuf, ka gara dhuga'aatii ta'e marrinuu dubbii kiyya ni dhagaya» jechu'uun, ni deebise. Philaaxos'llee, «Dhugaan maali'i?» jedhee ni gaafate. Kanaan duubatti Philaaxos deebi'ee gara Yihudotaa bayeeti akkana isaaniin ni jedhe, «Ani balleessaa woyiituu isa irratti hin argganne, Garuu akka aadaa qabddaniitiin yeroo maraa Ayyaana Faasika'aa titti, yeroo maraa hidhamaa tokko isiniif ni hiika ture, kanaaf nugusa worra Yihudotaa kana akka isinii hiikuuf ni barbaadanii ree?» isaaniin jedhe. Isaan garuu, «Barabbaaniin nuuf hiiki malee kanaa miti!» jedha'aa, ni iyyan. Barbbaan garuu shifttaa ture. Kanaan duubatti Philaaxos Yesusiin fudhatee ni dhaanssiseen. Lolttoonni'llee gonfata qore'ee maranii mataa Yesusii irra ni kaayan, uffata diimaa'llee itti ni uffisan. Gara isaa'llee dhufanii baldu'uun, «Yaa nugusa worra Yihudotaa! Nageenni siif haa ta'u!» ni jedhaniin ture, dhabanaassa'aan'llee ni dhayaniin ture. Philaaxos deebi'ee gara alaa titti bayee, «Kunoo, balleessaa woyiituu isa irratti akka hin argatin akka beekittaniif, isa gara alaa titti isinii baase» isaaniin jedhe, Kanaaf Yesus gonfata qore'ee mataa isaa irratti godhatee, uffata diimaa'llee uffatee gara alaa titti ni baye, Philaaxos'llee, «Kunoot namichi!» isaaniin jedhe. Itti gaafatamoonni qeesotaatii fi itti gaafatamoonni wordiyyootaa Yesusiin yeroo arganitti, «Fannisiin! Fannisiin!» jedha'aa, ni iyyan. Philaaxos garuu, «Ani gara kiyyaan balleessaa woyiituu isa irratti hin arganne, yoo barbaadan isin fudhadhaatii fannisa'aanii!» isaaniin jedhe. Yihudonni'llee, «Nu'u seera qabnna, naminni kun mataa isaa Ilma Waaqaa waan taasiseef, akkaataa seera keennaa titti du'atu isaan mala» jedhan. Waan kana mara yeroo dhagayetti Philaaxos caala'atti ni sodaate, gara moonaa isaa titti deebi'eet Yesusiin, «Ati garam irraayyi?» jechu'uun, ni gaafateen. Yesus garuu womaayyuu isaa hin deebifinneef. Kanaaf Philaaxos, «Natti hin himttu ree? Ani si hiiku'uu fi yookiin si fannisu'uuf aangoo akka qabu, hin beekitu moo?» jedheen. Yesus'llee, «Waaqinni aangoo uduu si kennuu dhabaateetii, ana irratti aangoo woyiituu hin qabddu ture, ta'u'llee si'iif dabarssee ka kenne, cubbuu kanna caalutuu isa irra jira» jedheen. Philaaxos haasaya Yesusii kana yeroo dhagayetti, hiikeenii gad dhiisu'uuniif barbaadee ture, Yihudonni garuu, «Nama kana yoo hiikkitte ati waahela nugusa Rooma'aatii miti, mataa isaa nugusa ka taasisu marrinuu, diina nugusa Rooma'aati!» jedha'aa, ni iyyan. Philaaxos kana yeroo dhagayetti Yesusiin gara alaa titti gad baasee, «Dhagaa baxxicha» bakka jedhamutti, barcumaa murti'ii irra ni taa'e, bakki kun afaan Ibirootaatiin, «Gabataa» jedhama. Ayyaana Faasiika'aatiif guyyaa qophaayinssaa ture, yeroon'llee gara saa'aatii jahaa ture, yeroo sanitti Philaaxos Yihudotaan, «Kunoo nugufnni keessan!» isaaniin jedhe. Isaan garuu, «Balleessiin! Balleessiin! Fannisiin!» jedha'aa, ni iyyan. Philaaxos'llee, «Nugusa keessan haa fannisuunii ree!» isaaniin jedhe. Itti gaafatamoonni qeesotaa «Nugusa Rooma'aatiin alatti nugusa bira'aa hin qabnnu!» yoo jedhan, ni deebisaniif. Yeroo kanatti Yesus akka fannifamuuf Philaaxos dabarssee isaaniif ni kenne, isaan'llee Yesusiin qabanii ni fudhataniin. Kanaan duubatti Yesus fannoo isaa baadhatee, «Buqqee Mataa» gara bakka jedhamuu ni baye, bakki kun afaan Ibirootaatiin, «Golgootaa» ni jedhama. Achitti ni fannisaniin, Yesusiin jidduu oolichanii isaan woliin kaanniin namoota lamaa, bita'aa fi mirga isaatiin isaan ni fannisan. Philaaxos, «Yesusii Naazireetii nugusa worra Yihudotaa» barreeffama jedhu barreessee, mataajjii fanno'oo gubbaa ni kaaye. Bakki Yesus itti fannifame'llee magaala'aaf dhiyoo waan tureef, Yihudota keessaa baay'eewwan barreeffama ni dubbisan, barreeffamin'llee ka bareeffame afaan Ibirootaatiin, afaan Laatiini'iitii fi afaan Giiriiki'iitiin ture. Itti gaafatamoonni qeesotaa worra Yihudotaa Philaaxosiin, «Ati nugusa worra Yihudotaa jettee hin barreesin, garuu, ‹naminni kun ani nugusa worra Yihudotaati› jedhee jira, jedhiitii barreesi» jedhaniin. Philaaxos garuu, «Waan barreessu barreessee jira!» jechu'uun, ni deebise. Lolttoonni Yesusiin erga fannisaniin duubatti uffata isaa fudhatanii, tokkoo tokkoo lolttootaatiif kutaan tokko akka gayu, bakka afurtti isaanii adda ni qoodan, kittaa'llee akkuma kana ni taasisan, garuu kittaan uduu hin hodhamin, olii haga gadii titti tokko ta'ee ka hojjatame ni ture, Kanaaf lolttoonni, «Eennuun akka gayu beeku'uuf caarraa itti haa buufannu malee hin tarssaafinnu» woliin jedhan. Kun'llee ka ta'eef, «Uffata kiyya ni qoodaman, Kittaa kiyya irratti'llee carraa wolii ni buufatan» ka jedhu dubbiin kitaabaa Qulqullu'uu akka raawwatamuuf, lolttoonni'llee akkuma kana ni taasisan. Fannoo Yesusii biratti'llee haadhaa fi obboleettii haadhaa, haadha worraa Qilopha'aa Maariyaamii fi Magdalaawittii Maariyaam'llee dhaabatanii jiran turan, Yesus'llee haadha ni jaalata barataa ture bira dhaabatanii yeroo isaan argetti haadha isaatiin, «Yaa haadha tiyya! Kunoo Ilmi kee!» jedheen. Kanaan duubatti barataa isaatiin, «Kuunnoti haat kee!» ni jedheen, yeroo sanii jala qabee barataan gara mana isaa ni fudhateen. Kanaan duubatti Yesus amma wonitti marrinuu akka raawwatame beekee, dubbiin Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffame akka raawwatamuuf, «Dheebodhe!» jedhe. Achi'llee meeshaan daadhiin woyinni'ii dhangaggaayaan itti guuttame kaayamee jira ture, kanaaf namoonni achi turan, dhangaggaayaa fuutta'atti guutaniiti, muka hisoophi'ii irratti raraasanii, gara afaan isaa ni dhiyeessan, Yesus'llee dhangaggaayaa afaaniin eega qabeen duubatti, «Raawwatame!» jedhe. Mataa isaa gad qabee'llee, lubbuu isaa ni kenne. Kanaan duubatti namoonni worra Yihudotaa ka aangoo qaban, gudeeda namoota fannifamanii cabissanii, reeffa isaanii fannoo irraa akka buusaniif Philaaxosiin ni kadhatan, kana'llee sababaan raawwataniif guyyaa jala qophaayinna Sanbbataa waan ta'ee fi Sanbbanni'llee ayyaana guddaa waan ta'eef, guyyaa Sanbbataatiin qaaminni isaanii fannoo irra akka hin oolleef ture. Kanaaf lolttoonni dhaqanii, gudeeda namoota Yesusiin woliin fannifaman ni cabisan, Gara Yesus yoo dhaqan garuu, inni durssee akka du'e arganii, gudeeda isaa hin cabsine. Garuu lolttoota keessaa tokko cinaacha isaa ebo'oon ni woraaneen, bakkumatti cinaacha isaatii dhiigaa fi bishaan ni baye. Kana ka arge, isin akka amanttaniif raagaa ni baye, ragummaan isaa'llee dhuga'a, wonitti dubbatu'llee dhugaa akka ta'e, inni ni beeka. Kun'llee ka ta'e, «Isa keessaa lafeen takkattiinuu hin cabddu» ka jedhu, dubbiin Kitaabaa Qulqullu'uu akka raawwatamuuf. Akkuma kana kutaa Kitaaba ka kitaaba Qulqullu'uu titti, «Worri san woraanan ni arganiin» jedha. Namoota aangoo qaban ka worra Yihudotaa sodaachu'uun dhossa'aan barataa Yesusii ka ture, Yooseef naminni biyya Armaatiyaasii, reeffa Yesusii fudhachu'uuf Philaaxosiin ni kadhate. Philaaxos'llee ni eeyyameef. Kanaaf Yooseef dhaqee reeffa isaa ni fudhate. Asiin durana halkaniin gara Yesusii dhufee ka ture Niqoodemos, giraama dhibba tokko ka ta'u wol makaa qumibbi'ii fi hargiisaa qabatee ni dhufe. Qumibbi'ii fi hargiisa qulqullaayee qabatanii akka aadaa kafaniinssa worra Yihudotaa titti, shitto'oon woliin woyaa leelashe'een, ni kafananiin. Bakka Yesus itti fannifamee ture lafa biqilttu'uu tokkotu jira ture, bakka biqilttu'uu san keessa eennu'llee ka itti hin awwaalamin, awwaalaa haarawatu jira ture. Qophaayinna guyyaa Sanbbataa waan turee fi awwaalli'llee dhiyoo waan tureef, reeffa Yesusii achitti ni awwaalaniin. Dilbbataa ganama obboro'oon, uduu bariisaan hin ifin, Maariyaam Magadalaawittiin gara awwaala Yesusii ni deemitte, achi'llee akkuma geetteen dhagaan awwaalli ittiin cufamee ture, afaan awwaalaa irraa ka'ee ni argite. Kanaaf isiin gara Simoon Phexirosiitii fi gara barataa Yesus jaalaatuunii fiiga'aa ni deemitteeti, «Gooftaa awwaala keessaa baasanii fudhataniinii jiran, eessa akka kaayaniin hin beekinnu» isaaniin jette. Yeroo kanatti Phexirosii fi barataan bira'aa bayaniiti, gara awwaalaa ni deeman. Lamaanuu woliin ni fiigan ture, garuu barataan bira'aa san Phexirosiin caala'atti dadafee fiigeeti, durssee gara bakka awwaalaa ni gaye. Gad jedhee'llee awwaala keessaa yeroo laalu uffanni kafanni'ii achitti hafee ni arge, garuu gara keessaa hin aseenne. Simoon Phexiros'llee isa horddofee dhufeeti gara awwaalaa keessaa ni aseene, inni'llee uffata kafanni'ii achitti hafee ni arge, mataan Yesusii ittiin maraamee subbee ture'llee uffata kafanni'ii woliin uduu hin ta'in, adda bakka bira'aa titti akkuma maramee jiruun ni arge. Itti aanssee'llee barataan durssee bira gaye gara awwaalaa keessa aseene'llee argee, ni amane. «Du'aa ka'uun ni malaan» ka jedhu, dubbii Kitaaba Qulqullu'uu amma'llee hin hubanneeyyu turan. Kanaan duubatti barattoonni lamaanuu deebi'anii, gara mana isaanii ni deeman. Maariyaam Magdalaan booya'aa, awwaala gara duubaatiin dhaabattee jirtti ture, booyaa'llee gad jettee gara keessa awwaalaa ni laaltte. Bakka reeffi Yesusii ni jira turetti uffata adii ka uffatanii maleyikkoonni lamaa tokko mataajji'iin, tokko ammoo miila jalaan ta'anii ni argite. Isaan'llee Maariyaamiin, «Dubarttii tana! Maali'iif bootta!?» ni jedhaniin. Isiin'llee, «Gooftaa kiyya fudhatanii jiran, eessa akka kaayaniin'llee hin beeku!» jette. Kana'llee jettee ufi duuba yoo garagalttu Yesus dhaabatee ni argiteen, Yesusiin ta'uu garuu hin beekinne. Yesus'llee, «Dubarttii nana, waayee maali'iif bootta, eennuun barbaadda?» jedheen. Isiin'llee hojjataa biqilttu'uu itti fakkaatee, «Yaa Gooftaa! Ati yoo fudhatteenii jiraate eessa akka keetteen, yabo'oo natti himi, ani ni fudhadhaanii» jetteen. Yesus'llee, «Maariyaam!» jedheen. Isiin'llee gara isaa garagaltteeti afaan worra Ibirootaatiin, «Rabbunii!» jetteen, hiikkaan isaa'llee, «Yaa barsiisaa!» jechu'u. Yesus «Amma'llee gara Abbaa kiyyaa ol hin deebineetii ana hin tuqin, garuu gara obboleeyyan kiyyaa deemiitii, ‹ani gara Abbaa kiyyaatii fi gara Abbaa keessan, gara Waaqa kiyyaatii fi gara Waaqa keessan ol ni deebi'a jedhee jira› jedhiitii, isaanitti himi!» isi'iin jedhe. Kanaaf Maariyaam Magdalaan gara barattoota isaa deemittee Gooftaa akka argitee fi inni'llee maal akka isi'iin jedhe, isaanitti ni himtte. Achuma guyyaa jalqaba torbaanii titti Dilbbata galgala, barattoonni isaa namoota worra Yihudotaa ka aangoo qaban sodaachu'uun, balballan isaanii cufatanii, mana keessatti wolgayanii jiran ture, balballan cufamanii uduma jiran, Yesus gara mana barattoonni isaa itti wolgayanii ni aseene, jidduu isaanii'llee ni dhaabate, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin jedhe. Kana'llee jedhee harka isaatii fi cinaacha isaa isaanitti ni muldhise, Barattoonni isaa'llee Gooftaa yeroo arganiinitti, ni gammadan. Kanaan duubatti Yesus deebi'ee, «Nageenni isiniif haa ta'u! Waaqinni Abbaan akkuma ana erge, ani'llee isin ni erga» isaaniin jedhe. Kana'llee jedhee ufi isaanitti jedheeti, «Hafuura Qulqulluu ni fudhatan, isin Cubbuu namootaatiif dhiifama yoo taasfttan, dhiifaminni isiniif ni taasfama, isin cubbuu namootaatiif dhiifama taasisuu yoo dhabaattan garuu, dhiifaminni isiniif hin taasfamu» isaaniin jedhe. Yesus gara barttootaa isaa yeroo dhufetti kudha lamaan keessaa tokko, Diidimoos ka jedhame Toomaas, isa woliin hin turre. Kanaaf barattoonni kuunniin Toomaasiin, «Gooftaa arginee jirra» jedhaniin. Inni garuu, «Harkiin isaa ka mismaaraan woraanaman yoo argee fi quba kiyya'llee bakka mismaariin woraanitte keessa yoo aseenisisuu dhabaadhe, harka kiyya'llee madaa cinaacha isaa keessa uduu hin aseensisin, hin amanu» isaaniin jedhe. Guyyaa saddeetiin duubatti barattoonni isaa deebi'anii mana keessa ni jiran turan, Toomaas'llee isaan woliin ni jira ture, balballan'llee cufamanii uduu jiran, Yesus dhufee jidduu isaanii dhaabateeti, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin ni jedhe. Kanaan duubatti Toomaasiin, «Quba kee garana fidiitii harka kiyya laali, harka kee'llee fidiitii cinaacha kiyya keessa aseensisiin, amani malee ka amantii hin qabnne hin ta'in» jedheen. Toomaas'llee, «Gooftaa kiyyaa fi Waaqa kiyya!» jechu'uun, ni deebiseef. Yesus'llee Toomaasiin, «Ati waan ana argiteef ni amanitte, uduu hin argin worri amanan garuu, ka galateeffaman» jedheen. Yesus kitaaba kana keessatti ka hin barreeffamin baasota baayi'ee, barattoota isaa duratti taasisee jira, garuu Yesus Masihii Ilma Waaqaa ta'uu isaa akka amanttanii fi amanttanii'llee maqaa isaatiin jireenna bara baraa akka argattaniif, kun barreeffamee jira. Kanaan duubatti Yesus garba ciisaa Xiberiyaasii biratti, barattoota isaa titti deebi'ee ni muldhate, ka muldhate'llee akka itti aanutti, Simoon Phexiros, Diidimoos ka jedhame Toomaas, Naatinaa'eliin Qaanaa Galiila'aa, ilmaan Zabdewoosiitii fi kuunniin barattoonni lamaa'llee, isa woliin ni turan. Simoon Phexiros, «Qurxummii qabu'uuf deemuu kiyya» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Si woliin ni deeminna» jedhaniin, bayanii'llee deemaniiti hoboloo irra ni bayan, garuu halkan sanitti qurxummiin tokko'llee hin qabnne. Yeroo bari'etti Yesus garba ciisaa bira ni dhaabate, barattoonni isaa garuu Yesusiin ta'uu isaa hin beekinne. Yesus'llee, «Yaa ijoollee tiyya! Qurxummii woyii ni qabddanii ree?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Womaa hin qabnnu» jedhaniin. Inni'llee, «Tabbaarrii duubaan gara mirgaatiin darba'aatii ni argattan» isaaniin jedhe. Kanaaf tabbaarrii garba ciisaa keessatti ni darban, qurxxummiiwwan baayi'ee'llee qabuu isaanii irraa ka ka'een, tabbaarrii harkisuu ni dadhaban. Yeroo kanatti barataan Yesus ni jaalataan ture Phexirosiin, «Goofta'aa bee!» ni jedheen. Simoon Phexiros «Goofta'aa!» jechuu isaa yeroo dhagayetti, huji'iif jedhee uffata isaa baafatee waan tureef, bakkumatti uffata isaa uffateeti, gara garba ciisa'aa utaalee ni aseene. Barattoonni kuunniin garuu lafa irraa ka fagaatan meetira dhibbaa qofa waan tureef, tabbaarrii qurxummiin itti guutee harkisa'aa, gara duubaatiin ni dhufan. Hoboloo irraa yeroo bu'anitti ka Duubaan yeroo bu'anitti ka qurxummiin irra ni jira ture, barbadaa cile'eetii fi buddeena ni argan. Yesus'llee, «Qurxummii amma qabddan fidaa» isaaniin ni jedhe. Kanaaf Simoon Phexiros hoboloo irra bayee, tabbaarrii qurxummii guguddoon dhibba tokkoo fi shantamii sadihii itti guuttaman, gara arddi'ii titti ni harkise, qurxummii hagana baayi'e'ee yoma qabu'llee, tabbaarriin garuu hin tarssaane. Kanaan duubatti Yesus, «Koottaa nyaadhaa!» isaaniin jedhe. Gooftaa Yesusiin ta'uu isaa marrinuu beekanii jiran waan turaniif, barattoota isaa keessaa tokko'llee, «Ati eennu?» jedhee, isa gaafachu'uuf ka ugge hin turre. Achiin duubatti'llee Yesus dhufeeti, buddeenaa fi qurxummii'llee fuudhee, isaanii ni kenne. Yesus du'aa eega ka'een asitti barattoonni isaa isa yoo argan, kun yeroo sadaffaatiif ture. Ciree eega nyaataniin duubbatti Yesus Simoon Phexirosiin, «Ilma Yohaannisii yaa Simoon! Kunniin ka ana jaalatan caala'atti ana ni jaalattaa ree?» jedheen. Inni'llee, «Ee yaa Gooftaa kiyya! Ani akka si jaaladhu ati ni beekitta» jechu'uun, ni deebiseef. Yesus'llee, «Ilmoolee kiyya nyaachis» jedheen. Yeroo lammaffaa'llee, «Ilma Yoona'aa yaa Simoon! Ana ni jaalatta ree?» jedheen. Inni'llee, «Ee yaa Gooftaa kiyya! Akka si jaaladhu ati ni beekitta» jedheen. Yesus'llee, «Hoolota kiyya eegi» ni jedheen. Yeroo sadaffaa'llee, «Ilma Yohaannisii yaa Simoon! najaalattaa ree?» jedheen. Yeroo sadaffaa'llee, «Ana jaalattaa ree» waan isaan jedheef Phexiros gaddeeti, «Yaa Gooftaa! Ati maraa ni beekitta, ani akka si jaaladhu'llee ni beekitta» jedheen. Yesus'llee akkana ni jedheen, «Hoolota tiyya bobbaasi, dhugaa isiniin jedha, ati dargaggeessa yeroo turttetti, woraanittillee kee harkuma keetiin hidhattee gara barbaadde ni deemtta ture, yeroo jaarsomtetti garuu, ati harka kee hiixatteeti naminni bira'aa si ni hidhachiisa, gara ati hin barbaanne'llee si ni fida.» Phexirosiin kana jedhe'llee du'a attamiitiin Waaqa ulfeeffachuu akka qabu yoo muldhisu, kanaan duubatti Phexirosiin, «Ana horddof!» jedheen. Phexiros ufi irra garagalee yoo laalu barataan ni jaalataan ture, isa yoo horddofuun ni arge, barataan kun'llee yeroo irbaataa gara Yesusii dhiyaatee, «Yaa Gooftaa, dabarssee ka si kennu eennu?» jedhee, ni gaafateen. Phexiros'llee isa argeeti, «Yaa Gooftaa! Naminni kun hoo maal ta'a laata?» jechu'uun, Yesusiin ni gaafate. Yesus'llee, «Haga ani dhufutti akka jiraatuuf yoo eeyyame, si maalttu galche? Ati ana horddof!» jedheen. Sababa kanaan obboleeyyan jiddu'uu, «Barataan kun hin du'u!» oduun jedhu ni tamisa'e, garuu Yesus, «Haga ani dhufutti akka jiraatuuf yoo eeyyame, si maalttu galche?» jedhe malee, «Hin du'u» hin jenne. Waayee wonittoota kanniin maraa ragaa ka bayee fi wonittoota kanniin'llee ka barreesse barataa kana, ragummaan isaa'llee dhugaa akka ta'e ni beekinna. Yesus ka raawwate kuunniin wonittoonni baayi'een ammoo ni jiran. Ani akka anatti fakkaatutti wonittoonni inni taasise marrinuu tokko tokkoon uduu barreeffamee, kitaabban barreeffaman biyyi lafaa mataan isaatuu baadhachu'uuf, hin dandda'u ture. Yaa Tewofilos! Kitaaba kiyya ka jalqabaatiin waan Yesus hojjatee fi barsiise mara barreessee jira. Ka barreesse'llee yeroo Yesus hujii isaa jala qabee kaasee, haga guyyaa gara sami'ii ol bayee titti ka hojjate, gara sami'ii ka ol baye'llee, ergamittoota filateef ajaja isaa karaa Hafuura Qulqullu'uutiin eega isaanii kenneen duubatti. Rakkinna baayi'ee fudhatee eega du'een duubatti ragoota baayi'ee ifa ta'aniin jiraataa ta'ee isaanitti ni mulidhate, guyyoota afurtamaa guutuu isaanitti muldhata'aa, waayee Mootummaa Waaqaa isaan ni barsiise. Yeroo isaan woliin turetti'llee akkana jechu'uun isaan ni ajaje, «Ka ani isinitti hime abddii Waaqa Abbaa irraa kenname eeggadhaa malee, Yerusaalemiin keessaa hin bayinaa, Yohaannis bishaaniin ni cuuphe, isin garuu guyyaa muraasaan duubatti, Hafuura Qulqulluun ni cuuphamttan.» Isaan'llee bakka tokkotti wol gayanii uduu jiran, «Yaa Gooftaa! Mootummaa Israa'eelii deebifttee yeroo itti kennitu, amma moo?» jechuun, ni gaafataniin. Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Waaqinni Abbaan aangoo isaatiin yeroo fi bara murtteesse, isin beeku'uuf hin dandeettan. Garuu Hafuurri Qulqulluun isin irra yeroo bu'etti huminna ni argattan, yeroo san Yerusaalemitti, arddii Yihuda'aa, Samaariyaa maratti, haga daangaa arddi'ii titti ragoota kiyya ni taatan.» Kana eega jedheen duubatti uduma isaan isa arganiin, gara sami'ii olii ni baye, duumessi'llee ufitti simateenii ija isaanii jala ni dhosseen. Inni ol deebi'aa uduma jiru, isaan guutatanii gara samii yoo laalan, uffata adaadii ka uffatan namoonni lamaa isaan bira dhaabatanii, «Isin namoonni Galiila'aa, maali'iif gara samii ol laalaa dhaabattanii jirttan? Kun gara sami'ii ol yoo deebi'u Yesusiin argitan, bifuma gara samii ol yoo deebi'u argitaniin, deebi'ee ni dhufa» isaaniin jedhan. Kanaan duubatti Gaara Ejerssaa ka jedhame gara Yerusaalemii ni deebi'an, Gaarri Ejerssaa Yerusaalemiin irraa ka fagaatu karaa torbaanii (haga kiilomeetira meetira tokkooti.) Gara Yerusaalemii'llee dhufanii mana wol irroo keessa jiraatantti ol ni bayan, isaan'llee, «Phexiros, Yohaannis, Yaaqoob, Indriyaas, Filiphos, Toomaas, Bartolomewos, ilma Alfewosii Yaaqoobiin, Hinaaftticha Simoon ilma Yaaqoob Yihudaa» fa'a. Kunniin marrinuu yeroo maraa kadhanna'aaf bakka tokkotti wol ni gayan turan, isaan woliin'llee dubarttoonni tokko tokkoo fi haati Yesusii Maariyam, akkuma kana obboleeyyan Yesusii'llee ni turan. Yeroo sanitti Phexiros amanittootaa dhibba tokkoo fi diddamaa ta'an jidduu dhaabateeti akkana ni jedhe, «Yaa obboleeyyan, waayee Yihudaa namoota Yesusiin qabaniif durssaa ta'ee, Hafuurri Qulqulluun durssee afaan Daawiitiitiin ka dubbate, dubbiin kitaaba Qulqullu'uu raawwatamuu qaba ture. Yihudaan'llee nu keessaa tokko ta'e, qoodamaa tajaajila kanaa ni ture.» Garuu naminni kun gatii hujii isaa hama'aatiin lafa ni bite, kallacha isaatiin'llee kufee wolakka'atti ni baqaqe, madhumaan isaa'llee ni jige. «Wonitti kun'llee worra Yerusaalemiin jiraatan mara biratti ni beekame, kanaaf laftti sun afaan isaaniitiin, Akeldaamaa jedhamee ni waamame, hiikkaan isaa'llee, (Lafa dhiigaa) jechu'u.» «Kun'llee wonitti ta'eef kitaaba Faarfanna'aatiin, ‹Manni inni keessa jiraatu duwwaa haa daawatu, eennu'llee keessa hin jiraatin, dabalee'llee muudama isaa naminni bira'aa irraa haa fudhatu› ka jedhu, barreeffamee waan tureef.» Kanaaf Gooftaan Yesus jidduu keenna yeroo dedeebi'e marattuu, nu woliin worra turan keessaa, akkuma kana cuuphaa Yohaannisiitii jala qabee, haga guyyaa Gooftaan Yesus gara samii ol deebi'ee titti, namoota woliin turan kanniin keessaa tokko, nu'u woliin ragaa du'aa ka'iinssaa isaa akka ta'u, ni barbaachisa. Kanaan duubatti namoota lamaa ni dhiyeessan, isaan'llee Baarsaabaas yookiin Yosxosii ka jedhame, Yooseefii fi Maatiyaasiin ture. Akkana jechuun'llee ni kadhatan, «Onnee namaa mara ka beekittu yaa Gooftaa, Isaan lamaan kanniin keessaa eennuun akka filatte nutti muldhis, wonitti kadhanuuf'llee Yihudaan gara bakka ufii titti yoo deebi'u tajaajila gad dhiisee fi ergamitummaa fudhachu'uuf nama isa bakka bu'u akka nuuf ibssituuf.» Carraa yeroo buusanitti'llee carraan Maatiyaasiif ni baye, kanaaf inni ergamittoota kudha tokkoo woliin ni lakkayame. Ayyaanni Pheenxeqosxe'ee yeroo gayetti barattoonni isaa marrinuu bakka tokkotti tokkuma'aan woligayanii ni turan, dimmaa qooniqqiti honbololattiin bubbee cimttu'uu fakkaatu samii ni dhufe, mana keessa turan'llee ni guute. Wonittoonni arraba ibiddaa fakkaatan isaantti ni muldhatan, adda qoodamanii'llee tokkoo tokkoo isaanii irra ni taa'an. Marrinuu Hafuura Qulqulluun ni guuttaman, Hafuura Qulqullu'uun akka dubbataniif haga dandeettii isaanii kenneetiin'llee, afaanota bira'aatiin dubbachuu jala ni qaban. Biyyoota lafaa mara irraa'llee ka dhufa, Yihudonni kadhanna'aan jabaatan, Yerusaalemiin ni jiran turan. Qooniqqa kana'llee yeroo dhagayanitti namoonni baayi'een wol ni gayan, afaan isaaniitiin'llee wolitti yoo dubbatan waan isaan dhagayaniif, ni dinqisiifatan. Maalalffachu'uu fi dinqisiiffachuun'llee akkana ni jedhan, «Kunniin worri akkana dubbatan marrinuu, namoota Galiilaatii mitii? Eegaa nu afaan biyya isaanii ka dhalootaatiin yoo dubbatan ka isaan dhageennu, attamitti? Nu Phaartee, Meedii, Elaam, Mosophotaamiyatti, Yihudaatti, Qephidooqiyaa, Phanxoos fi Asiaatti, Firgiyaa, Phamfiliyaatti, Gibxitti, Qareenaa biratti ka jiran, konyaawwan Liibiyaa worra jiraannu, Yihudonni Roomaa dhufnnee fi gara Yihudaa ka galle'llee, ni argaminna, akkuma kanaan namoonni Qarxees fi namoonni Arabaa'llee ni argaman, kunoo kunniin marrinuu hujii Waaqaa ol aanaa afaan isaaniitiin yoo dubbatan, ni dhageenna!» Kanaaf marrinuu maalalffatanii waan jedhan dhabanii, «Wonitti kun maal ta'inna laata?» woliin ni jedhan. Tokko tokko garuu, «Dhaadhii woyinni'ii haarawa dhuganii machaayanii jiran!» jedha'aa isaantti ni baldan. Yeroo sanitti Phexiros kudha lamaan woliin dhaabatee qooniqqa isaa ol fuudhee, akkana jechuun ummatatti ni dubbate, isin namoonni biyya Yihuda'aatii fi jiraattonni Yerusaalemii marrinuu, waan ta'e kana beekuuf haasaya kiyya kana dhageeffadhaa, ganama keessaa kunoo saa'aatii sadihi waan ta'eef akka isin yaaddanitti, namoonni kunniin hin machoofnne. Garuu kun ka ta'e nabiyyichi Iyyuu'eeliin akkana jechu'uun jechi dubbate akka raawwatamuuf, Waaqinni guyyaa muummee titti akkana ni ta'a jedha, hafuura kiyya nama maraa irratti ni jissa. Ijoolleen kiyya ta dhiiraatiif ta durbbaa'llee raagaa ni dubbatan, gayeeyyiin keessan'llee, mulidhata ni argan, Jaarsotiin'llee ebjju'uun ni eebjotan. Akkuma kana guyyoota sanniinitti tajaajiltoota kiyya ka dhiiraatii fi ka dubarttoota irratti'llee, Hafuura kiyya ni jissa, isaan'llee raaga ni dubbatan. Ol sami'itti wonittoota maalale'ee, gad lafatti'llee baasota ni muldhisa, Dhiiga, ibidda, aarri qayyootaa'llee ni muldhata. Ol aana'aa fi maalalchiisaa, guyyaan Goofta'aa dhufu'uun duranatti, aduun ni dukkanooftti, jiin'llee dhiiga ni fakkaatti. «Ka maqaa Gooftaa waamu marrinuu ni fayya.» «Isin yaa namoota Israa'eelii! Dubbii kana dhageeffadhaa, isin mataan keessanuu akkuma beekittan eennummaan Yesusii Naazireetii, Waaqinni isin jiddu'utti karaa hujiiwwan isaa ol aanaa raawwateetiin, baasotaa fi malikatootaatiin mirkanaayee jira.» Inni mataan isaatuu akkaatama Waaqinni duraan durssee karoorssee fi hujimaata beekeetiin isiniif dabarffamee ni kenname, isin'llee harka hamaaleyyi'ii titti akka fannifamuu fi akka du'u ni taasfttaniin. Waaqinni garuu huminna du'aa balleessee du'aa ni kaaseen, kanaaf duuti qabddee isa hanbbisuunii hin dandeenne. Daawiit'llee waayee isaa akkana ni jedha, Gooftaa yeroo maraa ufi durana kiyyatti ni argaan, akka hin raaffamineef'llee inni mirga kiyyaan jira. Kanaaf onneen kiyya ni gammade, afaan kiyya'llee gammachu'uun ni guuttame, akkuma kana foon kiyya ka du'aa ta'e'llee abddi'iin ni jiraata, lubbuu kiyya siioolitti hin dhiifttuun, Qulqulluu kee'llee awwaala keessatti, shamee akka hafu hin taasfttu. Karaa jireennaa'llee ana ni beekisiftte, anaan woliin ta'uu keetiin'llee, gammachuun kiyya muda maleessa ni ta'a. «Yaa obboleeyyan kiyya! Abbootii duraanii keessaa tokko ka ta'e Daawiiti akka du'ee fi akkuma awwaalame, awwaalli isaa'llee haga adhaa titti akkuma nu bira jiru, ifaan isinitti haa himu. Garuu Daawiiti kana ka dubbate nabiyyii waan turee fi Waaqinni, ‹fiixaa kee keessaa tokko teessoo kee irra siif ni kaayaan› jechu'uun, kaku'uun ka kenneef, dubbii abddi'ii ni beeka waan tureef, Sababa kanaan'llee, Masihiin siioolitti akka hin hafinnee fi foon isaa'llee shamee awwaala keessatti akka hin hafinne, durssee argee waan tureef ni dubbate. Yesusii kana'llee Waaqinni du'aa ni kaaseen, nu marri keennaa waan kanaaf ragoota. Mirga Waaqaatiin taa'uuf ol yeroo jedhee fi abddii Hafuura Qulqullu'uu'llee Waaqa Abbaa irraa yeroo fudhatetti, kana ka argitanii fi ka dhagaya'aa jirttan kana ni dhangalaase.» Eegaa gara samii Daawiitiin ol baye waan hin ta'iniif, Daawiitiin mataan isaatuu akkana jechu'uun dubbatee jira, Gooftaa Gooftaa kiyya (Masihichaaf) diinota kee aangoo kee jala haga si taasisutti, mirga kiyyaan taa'i jedheenii jira. «Eegaa kana ka isin fannifttan Yesusiin, Waaqa Goofta'aa fi Masihicha akka isa taasiseen, ummanni Israa'eelii marrinuu qajeelatti haa beeku!» «Namoonni'llee kana yeroo dhagayanitti onneen isaanii gaddaan tuqamttee Phexiros fi ergamittoota kaanniiniin'llee, Yaa obboleeyyan! Egaa maal haa taasfnnu?» isaaniin jedhan. Phexiros'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Gara Waaqaa titti deebi'aa, cubbuun keessan'llee isiniif akka dhiifamu, tokkoon tokkoon keessan maqaa Yesus Kristositiin cuuphamaa, kennaa Waaqaa ka ta'e Hafuura Qulqulluu'llee ni fudhattan, dubbiin abddii isaa isinii fi ijoollee keessaniif, Waaqinni Gooftaan keenna gara ufii worra isaan waamuuf, fagoo worra jiran maraaf'lle'e.» Ka biraa'llee dubbii baayi'e'een ragaa baya'aa, «Dhaloota hamaa kana irratti balaa dhufu jalaa, mataa keessan baasaa!» jechuun isaan ni gorsse. Isaan keessaa baayi'eewwan dubbii isaa fudhatanii ni cuuphaman, guyyaa sanitti amanittoonni kuma sadihi ka gayan ni dabalaman. Isaan'llee barsiisa ergamittootaa dhagayu'uun, tokkumma'aan jiraachu'uun, nyaata'llee woliin nyachu'uu fi kadhanna'aan ni jabaatan turan. Yeroo sanitti harka ergamittootaa titti baasonni baayi'ee fi wonittoonni maalale'ee'llee ni raawwataman waan tureef, mara isaanii irraa sodaan ni bule. Amanttoonni marrinuu tokkummaan woliin ni jiraatan turan, wonitti qaban marri'llee ka woliin qaban ture. Lafa isaanii ka qonnaatii fi qabeenna isaanii gurgura'aa, qarshii tokko tokkoo isaaniitiif akka barbaachisutti, ni qoodaniif ture. Guyyama guyyaan'llee Mana Waaqeffanna'aa titti, tokkummaan wol ni gayan ruran, mana isaanii titti'llee buddeena woliin nyaataa, gammachu'uu fi onnee misha'aan ni sooratan ture, Gooftaan'llee ni galateeffatan turan, naminni marri'llee isaan ni kabaja ture, Waaqinni'llee namoota fayyan guyyama guyya'aan, gara miseenssa isaanii ni dabala ture. Guyyaa tokkoo Phexirosii fi Yohaannis yeroo kadhanna'aa guyyaa keessaa saa'aa sagalii titti, gara Mana Waaqeffanna'aa ni bayan, Achi'llee balbala, «Bareeda» jedhama'aa waamamutu jira ture, yeroo dhalatee jala qabee namichi naafa ta'e tokko namoonni guyyama guyyaan fidanii achi ni kaayaniin ture, inni'llee achi taa'ee, namoota gara Mana Waaqeffanna'aa aseenan irraa arjooma ni kadhata ture. Naminni kun'llee Phexirosii fi Yohaannis gara Mana Waaqeffanna'aa yoo aseenan argee, arjooma isaan ni kadhate. Isaan'llee namicha guttatanii laalaniiti Phexirosi, «Gara keenna laali!» ni jedheen. Inni'llee arjooma waan kennaniif itti fakkaatee, guutatatee isaan ni laale. Phexiros garuu, «Qarshi'ii fi worqqii hin qabu, waan qabu garuu siif ni kenna, maqaa Yesus Kristosii Naazireetiitiin ka'iitii tarkaanffadhu!» jedheen. Harka isaa ka mirgaa'llee qabee ol ni kaaseen, bakkumatti miilli isaatii fi koroonccoon isaa'llee ni jabaate. Ol ka'ee'llee ni dhaabate, tarkaanffataa'llee isaan woliin gara Mana Waaqeffanna'aa ni aseene, tarkaanffata''aatii fi utaala'aa'llee, Waaqa ni galateeffata ture. Namoonni marri'llee yoo tarkaanfatuu fi Waaqa yoo galateeffatu'llee ni arganiin. «Balbala bareeda» jedhama'aa ka waamamu, Mana Waaqeffanna'aa bira'llee taa'ee, arjooma ni kadhata ka ture isaa ta'uu isaa ni beekan, isa irratti'llee waan raawwatameen, malalffachu'uu fi dinqisiiffachuu'llee jala ni qaban. Namichi fayye Phexirosii fi Yohaannisiin irraa hin fooyamu jechu'uun isaan qabee uduu jiru, namoonni maalalffatanii, gara xurree «Keessa dedeebi'ii Solomoon» jedhamuu fiiga'aa ni dhaqan, Phexiros'llee namoota yeroo argetti akkana isaaniin ni jedhe, «Yaa namoota Israa'eelii! waan kanaan waayee maali'iitiif maalalffattan? Maali'iif'llee guutattanii nu laalttan? Nu huminna keennaan yookiin hujii keenna misha'aan kana ka naminni akka tarkaanffatu taasise, waan taasfinne isinitti ni fakkaataa ree? Waaqinni abbootii keennaa ka Abrahaamii, ka Yisihaaqiitii fi Waaqinni Yaaqoobii Ilma isaa Yesusiin ni kabajeen, isin garuu isa Pilaaxosiin duratti dabarssitanii ni kennitaniin, Pilaaxos'llee gad dhiisuunii yoma barbaade'llee isin garuu, ‹hin barbaannu!› jettan. Ati Qulqullu'uu fi qulqullaawomaa ka ta'e, ‹hin barbaannuun› jettanii, lubbuu ajjeesaan tokko akka isiniif hiikkamu ni kadhattan. Jireenna kennaa ka ta'e ni ajjeefttaniin, Waaqinni garuu du'aa ni kaaseen, waayee kanaaf nu'u ragoota. Kun ka argitanii fi naminni beekittan kun fayyee ka jabaate, amantii maqaa Yesusiitiin argameen, Maqaa Yesusii titti amanuu isaatiin'llee isin mara duratti fayyaa isaa guutuu argatee jira.» «Amma'llee yaa obboleeyyan! Yesusiin irratti waan raawwattan isin'llee akkuma itti gaafatamoota keessan titti beekkomissa dhabuu keessaniin, akka raawwattan ni beeka. Waaqinni garuu durssee afaan nabiyyoota maraatiin, ‹Masihichi rakkinna fudhachuu ni qaba› dubbiin jedhe, bifa kanaan akka raawwatuuf ni taasise. Eegaa cubbuu keessan akka isinii dhabamisiifamuuf, cubbuu keessan irraa gara Gooftaa deebi'aa. Waaqa biraa'llee barri itti haareffamttan isiniif ni dhufa, Waaqinni durssee ka isiniif file, Masihicha Yesusiin isiniif ni erga. Inni'llee sami'itti ka turu Waaqinni durssee afaan nabiyyoota isaa Qulqulluuwwantiin akkuma dubbatetti, biyyi lafaa marri haga haareffamutti. Museen'llee akkana jedhee jira, ‹Gooftaan Waaqinni akkuma ana kaase akkuma kana obboleeyyan kiyya jiddu'uu'llee nabiyyii isiniif ni kaasa, inni waan isinitti himu maraa dhageeffadhaa, nabiyyicha san ka hin dhageenne marrinuu ummata irraa fooyamee gonkumaa ni bada.› Itti aanssee'llee Saamu'eeliin irraa jalqabee nabiyyoonni jiran marrinuu, waayee bara kanaa kana jedhanii dubbatanii jiran. Isin dhaalitota nabiyyootaati, akkuma kana Waaqinni Abrahaamiif, ‹arddii irra ummatoonni jiran marrinuu fiixaa keetiin ni eebbifaman› jedhee, abbootii keennaan woliin waadaa aseene, isin dhaalitota. Kanaaf Waaqinni Ilma isaa ka erge jalqaba isiniif ture, kana'llee ka raawwate tokkoon tokkoon keessan karaa keessan hamaa irraa deebi'uun, akka isin eebbisuuf.» Phexirosii fi Yohaannis ummatatti dubbata'aa uduma jira, qeesonni fi itti gaafatamaan wordiyyoota Mana Waaqeffanna'aa, akkuma kana Saduuqoonni'llee gara isaanii dhufaniiti, ergamittoonni lamaan du'aa ka'iinssaa Yesusii ummataa barsiisuu isaaniitii fi kanaan'llee du'iinssi jiraachuu hubachiisuu isaaniitiin, ni dallanan. Kanaaf yeroon dhiiyee waan jiruuf isaan qabanii haga guyyaa itti aanee jiruu titti, mana hidhaa keessa akka turan isaan ni taasise. Garuu dubbii isaan eega dhageeffataniin duubatti baay'eewwan ni amanan, lakkofssi namoota amanan'llee gara kuma shanii ni guddate. Guyyaa itti aanutti itti gaafatamoonni Yihudotaatii fi jaarsonni, barsiisonni seera'llee Yerusaalemitti wol ni gayan. Namoota wol gayan keessaa'llee itti gaafatamaan qeesotaa Haannaa fi Qayyaafaan, Yohaannisii fi Iskindroos, maatiin itti gaafatamaa qeesotaa marri'llee isaan keessatti ni argaman, Isaan'llee ergamittoota lamaan jidduu isaanii dhaabachisanii, «Kana ka raawwattan huminna maali'iitiin yookiin maqaa eennuutiin?» jechu'uun, isaan ni gaafatan. Yeroo kanatti Phexiros Hafuura Qulqulluun guuttamee akkana jechuun isaanii ni deebise, «Isin yaa itti gaafatamoota ummataa fi jaarsotaa! Nu'u adha ka gaafataminnu namicha naafa tokkoof waayee waan isaaf taasfame, waayee hujii misha'aatii fi haala attamiitiin akka fayye. Naminni kun fayyee durana keessan ka dhaabate, isin ka fannifttaniinii fi Waaqinni garuu du'aa ka isa kaaseen, maqaa Yesus Kristosii Naazireetiitiin akka ta'e, isin mara keessan fi ummata Israa'eelii maraaf, ka beekkame haa ta'u. Isin kaabddonni ka tuffataniinii fi gattaniin'llee dhagaan isa, garuu inni mataa cabssataa ni ta'e. Kanaaf, fayyinni isa malee ka bira'aa eennuun'llee hin jiru, nu'u ittiin fayyuu ka nuun malu Waaqinni namootaaf maqaan kenne, isa malee biyya lafaa eennu'llee hin jiru» jedhe. Phexirosii fi Yohaannis uggiinsaan dubbachuu isaanii miseensonni yaa'ii yeroo arganitti, namoota hin baratin wollaalttota ta'uu isaanii ni beekan waan tureef ni maalaliffatan, Yesusiin woliin akka turan'llee ni beekan, namicha fayye'llee isaan woliin dhaabatee arguu isaaniitiin, isa irratti waan jedhan ni dhaban. Kanaaf bakka yaa'ii'ii irraa achi fageessaniiniiti, turtti'iin akkana jechu'uun ni mari'atan. «Eegaa namoota kanniin irratti maal haa raawwannu? Wonitti baasaa ol aanaan kun harka isaa titti taasfamuun isaa, jiraattota magaalaa Yerusaalemii mara birattuu beekkamee jira, kanaaf waakkachu'uuf hin dandeennu. Garuu ummata biratti babaldhata'aa akka hin deemnneef, ammaa achitti maqaa Yesusii waamuun eennutti'llee akka hin dubbanneef, isaan ufi haa eeggachiifnnuu» woliin jedhan. Kanaaf duubatti isaan waamaniiti maqaa Yesusii waamu'uun gonkumaa akka hin dubbanneef yookiin akka hin barsiifnneef, ciminnaan isaan ni ajajan. Phexirosii fi Yohaannis garuu akkana jechuun isaanii ni deebisan, «Waaqaaf ajajamuu irra isiniif ajajamuun, Waaqa duranatti waan malu ree? Mee isin mataan keessanuu murteessaa. Nu ammoo waan arginee fi dhageenne dubbachuu keenna hin dhiifinnu» jedhan. Itti gaafatamoonni ummataatii fi miseensonni yaaii'ii, Phexirosii fi Yohaannisiin wonitti adabssisuu sababaa woyiituu argachuu dhabuu isaaniitiin, ummata'llee waan sodaataniif, irra deebi'anii ufi eeggachiisanii isaan gad ni dhiisan, kana'llee ka raawwatan, ummanni waan ta'e maraanuu Waaqa ni galatteeffata waan turaniif. Baasa kanaan ka fayye namicha sun, umriin isaa woggaa afurtamaa ol ni ture. Phexirosii fi Yohaannis'llee gad dhiifamanii gara waahellan isaanii yeroo deebi'antti, itti gaafatamoota qeesotaatii fi jaarsotiin worra Yihudotaa waan isaaniin jedhan maraa, isaanitti ni himan. Isaan'llee kana yeroo dhagayanitti qooniqqa isaanii tokkumma'aan ol fudhatanii, gara Waaqaa akkana jechuun ni kadhatan, Samii, arddi'ii fi garba ciisaa, waan isa keessa jiraatan mara ka uumitte, yaa Waaqa jiraataa Karaa Hafuura Qulqulluutiin tajaajilaa kee afaan abbaa keenna Daawiitii titti, akkana jettee ka dubbatte si'i, Ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne waayee maali'iitiif dallanan? ummattoonni'llee waayee maali'iitiif tasatti mari'atan? Nugusonni arddi'ii hiriiranii, bulichitoonni'llee bakka tokkotti wol gayanii, Goofta'aa fi Masihicha irratti ni ka'an. Dugamaanuu Heerodisii fi Pheenxanaawichi Philaaxos, ummataa Waaqa dhugaa titti hin amannee fi ummata Israa'eelii woliin magaalaa kanatti wol gayanii, Masihicha ka taasiseen tajaajilaa Qulqullu'uun, Yesusiin irratti ni ka'an, akkana'llee ka ta'eef ati durssitee huminna mataa keetiitii fi fedhii keetiin, ka karoorffatte raawwachu'uuf, amma'llee yaa Gooftaa, dhaadannaa isaanii laali, tajaajiltoonni kee dubbii kee sodaa malee uggiinssaan akka dubbatan taasis. «Ilma kee Qulqulluu maqaa Yesusiitiin dhukkubsattoonni akka fayyanii fi baasaa fi wonittoonni maalale'ee'llee akka raawwataman, harka kee diriirssi.» Kadhanna'aa eega xumuraniin duubatti, bakki itti wol gayanii jiran ture ni raafame, marri isaaniituu Hafuura Qulqulluun ni guuttaman, dubbii Waaqaa'llee sodaa malee uggiinssaan ni dubbatan. Amanttoonni marrinuu yaada tokkoo fi onnee tokko'llee ni qaban ture, naminni kum'llee «Kun kiyya» kun kiyya waan jedhu womaayyuu hin qabu ture, jidduu isaanii titti wonitti marrinuu ka wolii ture, Ergamittoonni'llee du'aa ka'iinssa Gooftaa Yesusii huminna ol aana'aan ragaa ni bayan turan, mara isaaniituu irra'llee kennaan Waaqaa ka bilisaa ol aanaan ni jira ture. Lafa yookiin mana ka qaban marrinuu gurgura'aa qarshii ni fidan waan tureef, jidduu isaanii rakkataan tokko'llee hin turre. Qarshii'llee fidanii ergamittootatti ni kennan turan. Tokko tokkoo isaaniitiif'llee akka barbaachisummaa isaa titti, adda ni qoodaman turan. Dhalataa biyya Qophiroos ka ta'e, Yooseef ka jedhamu Leewicha tokkotuu jira ture, ergamittoonni «Baarnaabaas» jedha'aa ni waamaniin ture, hiikkaan isaa'llee, «Ilma obissiinssaa» jechu'u. Inni'llee lafa isaa gurgureeti qarshii fidee, ergamittootatti ni kenne. Anaaniyaa ka jedhamu naminni tokko haadha worraa isaa Sappiiraa woliin ta'ee lafa ni gurgure, haati worraa isaa'llee uduma beekitu gurgurttaa lafaa irraa wolakkaa hanbiseeti, wolakkaa fidee ergamittootatti ni kenne, Phexiros garuu akkana ni jedheen, «Yaa Anaaniyaas! Hafuura Qulqulluu akka sobdduu fi gurgurttaa lafaa irraa'llee wolakkaa akka hanbifattuuf Sheexanni si taasise, maali'iitiif gara onnee keetii aseene? Uduu hin gurguriniin duranatti laftti keetuma hin turree? Eegaa gurgurtteen duubatti'llee qarshiin keetuma hin turre ree? eegaa, waan kana maali'iif onnee keetitti yaadde? ka sobdde Waaqa malee namaa miti.» Anaaniyaan dubbii kana yeroo dhagayetti kufee ni du'e, waan kana namoonni dhagayan marrinuu haalaan ni sodaatan. Gaayeeyyiin'llee ka'anii reeffa isaa kafananiiti, fidaanii ni awwaalaniin. Saa'aatii sadiin duubatti haati worraa Anaaniyaasii waan abbaa worraa isi'ii irra gayee uduu hin beekin ni dhuftte. Phexiros'llee, «Mee natti himi lafa keessan ka gurgurttan qarshima haganaa titti moo?» ni jedheen. Isiin'llee, «Ee! Qarshima haganaa titti gurgurre» jette. Yeroo kana Phexiros, «Hafuura Waaqaa qormaatu'uuf attamitti wolii galttan? Kunoo! Abbaa worraa kee awwaalanii namoonni deebi'an balbala ni jiran, si'llee fidanii haa awaalan» jedheen. Isiin'llee dimmaa miila isaa jalatti kuftteeti ni duute, gayeeyyiin'llee yoo galan duutee argataniiniiti, fidanii abbaa worraa isi'ii biratti ni awwaalaniin. Mana Waaqeffanna'aa maraa fi namoota waan kana dhagayan mara irrattuu, sodaan ol aanaan ni ta'e. Baasonni baayi'e'ee fi wonittoonni baasaa ummata jiddu'utti harka ergamittootaa titti ni raawwataman ture, marrinuu onnee tokkoon ta'anii xurree keessa dedeebi'iinssa Solomoonii titti, wol ni gayan turan. Namoota isaaniin ala ta'an keessaa tokkochumaan'llee isa woliin ta'uuf, ka uggu hin turre, haa ta'u malee ummanni isaan ni kabaja ture. Goofta'atti worri amanan dhiiraa fi dubbarttoonni'llee lakkofssi isaanii haalaan baayi'ata'aa ni deema ture. Namoonni'llee dhukkubsattoota baayi'ee gara karaa baasa'aa, sire'ee fi wosaasaa irra'llee isaan ni ciibissan ture. Namoonni maagaalota naannoo Yerusaalemii jiranii irraa dhukkubsatoota isaaniitii fi worra hafuura battiiwwaniin makkaraaran ni fidan turan, marrinuu ni fayyan ture. Itti gaafatamaan qeesotaatii fi isa woliin'llee worri turan, Saduuqoonni marrinuu hinaaffa'aan guutamanii isa irratti ni ka'an, ergamittoota qabaniiti gara mana hidhaa ummataa isaan ni galichan. Maleyikkan Waaqaa garuu halkaniin balbala mana hidha'aa banee, isaan ni baase, «Deemaa! Mana Waaqeffanna'aa keessa dhaabadhaatii, dubbii jireennaa kana maraa ummatatti himaa!» isaaniin jedhe. Ergamittoonni'llee ajaja isaa fudhatanii ganama obboro'oon gara Mana Waaqeffanna'aa aseenaniiti, barsiisuu jala ni qaban. Yeroo sanitti itti Gaafatamaan qeesotaatii fi worri isa woliin turan dhufanii miseensota yaa'iitii fi jaarsotii Yihudotaa mara, bakka tokko wolitti ni qaban, ergamittoota'llee akka isaan fidaniif namoota gara mana hidhaa ni ergan. Itti gaafatamoonni wordiyyootaa garuu gara mana hidhaa dhaqanii, ergamittoota achitti isaan hin arganne, deebi'anii dhufaniiti, «Balbaltti mana hidhaa haalaan cufamee, eegiddonni'llee balbala durana dhaabatanii isaan arganne, balbala mana hidha'aa yeroo bannetti garuu, keessatti eennuun'llee hin arganne» jedhanii ni dubbatan. Ajajaan wordiyyaa Mana Waaqeffanna'aatii fi itti gaafatamoonni qeesotaa kana yeroo dhagayanitti, «Wonitti kun maal ta'inna?» jechuun, dubbiin isaanii isaanitti bitaa ni ta'e. Yeroo kanatti naminni tokko dhufeeti, «Isaan mana hidha'aa titti galichitan kunoo! Mana Waaqeffanna'aa keessa dhaabatanii ummata ni barsiisan» jedhee isaantti hime. Bakkumatti itti gaafatamaan wordiyyoota Mana Waaqeffanna'aatii fi tajaajilttoonni isaa'llee dhaqanii isaan ni fidan, ka isaan fidan'llee huminnaan uduu hin ta'in, wolii galu'uun ture, kana'llee ka raawwatan ummanni dhaga'aan akka isaan hin woqarreef sodaachu'uun ture. Fidaniinii'llee yaa'ii durana ni dhaabachiisan, itti gaafatamaan qeesotaa'llee akkana jechuun isaan ni gaafate, «Maqaa Yesusii waamu'uun akka hin barsiifnneef ciminnaan isin ajajinee turre, garuu kunoo, Yerusaalemiin barsiisa keessaniin guuttaniinii jirttan, isin du'a nama saniitiif itti gaafatamoota nu taasisu'uuf barbaaddan.» Phexirosii fi ergamittoonni bira'aa garuu akkana jechu'uun ni deebisan, «Namaa ajajamuu irra Waaqaaf ajajamu'utu nuuf mala, Waaqa abbootii keennaa isin muka irratti fannifttanii ka ajjeefttan, Yesusiin du'aa ni kaaseen, Waaqinni ummata Israa'eeliitiif gara Waaqaa titti deebi'uu fi dhiifama cubbu'uu akka kennuuf, Yesusiin durssa'aa fi Fayyisaa taasisee, mirga isaatiin ulfinnaan akka taa'u isa taasisee jira, waan kanaaf nu ragootaa, Hafuurri Qulqulluun Waaqinni worra ajajamu maraaf kenne'llee, raga'a.» Miseensonni yaa'ii kana yeroo dhagayanitti haalaan dallananii, ergamittoota ajjeesuuf ni barbaadan. Garuu ummata biratti ka kabajamee fi barsiisaa seera ka ta'e, Gamaalyaa ka jedhame Fariisichi miseensa yaa'ii tokko ka'eeti, yeroo muraasaaf ergamittoota akka dabal isaan taasisan ni ajaje. Kanaan duubatti miseensota yaa'ii'iitiin akkana ni jedheen, «Yaa namoota Israa'eelii! Namoota kanniin irratti waan raawwattaniif ufi eeggadhaa. Kanaan durana Toyidaas naminni jedhamu, ‹ani nama gudda'a› jedhee ka'ee ture, namoonni dhibba afurii ta'an'llee isaan woliin hirmmaatanii turan. Garuu inni ni ajjeefame, horddofttoonni isaa ni bittinaayan, kaayyoon isaa'llee akka waan hin turree ni ta'e. Saniin duubatti'llee lakkoofssi ummataa bara taasfametti Yihudichi nama biyya Galiila'aa ka'ee, namoonni baayi'een akka isa horddofan taasisee ture, inni'llee ni ajjeefame, worri isa horddofan marri'llee ni bittinaayan. Kanaaf amma'llee ani ka isiniin jedhu, namoota kanniin irraa akka ufi eeggatanii fi akka isaan dhiifttaniif, yaadinni kun yookiin hujiin kun nama biraa ka dhufe yoo ta'e ni bada. Waaqa biraa ka dhufe yoo ta'e garuu isaan balleessu'uuf hin danddeettan, gonkumaa Waaqa woliin wol dhabuu isinitti ta'a.» Isaan'llee gorssa Gamaalya'aa ni fudhatan. Kanaan duubatti ergamittoota gara isaanii waamanii isaan ni dhaansisan, maqaa Yesusii'llee waama'uun akka hin dubbanneef ajajaniiti, isaan gad ni dhiisan. Ergamittoonni garuu waayee maqaa Yesusiitiif salphinna fudhachuuf ka malan ta'uu isaaniitiin, gammada'aa bakka yaa'ii isaaniitii bayanii ni deeman, guyyama guyya'aan'llee Mana Waaqeffanna'aatii fi mana maratti'llee waayee Masihichaa waayee Yesusii, barsiisu'uu fi gammachuu isaa'llee dubbachuu, addaan hin kunne turan. Yeroo muraasaan duubatti lakkofssi amanttootaa baayi'ataa yoo deemu, afaan worra Giriiki'ii Yihudonni dubbatan namoota biyya Yihuda'aa ka ta'an ka ta'an irratti, guungumuu jala ni qaban, ka guungumaaniif'llee gargaarssa guyyaa guyyaan ni qoodama tureen, dubbarttoota abbootiin worraa isaanii irraa du'anitti shilla jedhan waan turaniif. Kanaaf ergamittoonni kudha lamaan amanttoota maraa wolitti qabanii, akkana isaaniin jedhan, «Nyaata qoodu'uuf jennee hujii keenna ka dubbii Waaqaa barsiisu'uu, dhiisuun nuun hin malu. Eegaa yaa obboleeyyan kiyya, amala mishaa isaaniitiin ka galateeffatan, Hafuura Qulqullu'uu fi ogumma'aan ka guuttaman namoota torbaa, jidduu keessan filadhaa, isaaniif'llee itti gaafatama kanaaf aangoo ni kenninaaf. Nu garuu kadhanna'aa fi dubbii Waaqaa barsiisu'uun, ni jabaanna.» Jechi kun maraa ni gammachiise, namoonni itti anaanii jiran'llee ni filataman, isaan'llee amantii fi Hafuura Qulqullu'uun ka guuttame Isxifaanos, Filiphos, Phirokoos, Niqaaronaa, Pharmenaa fi Phermenaa amantii Yihudotaa fudhatee ka ture, Niqolaawosii fi Anxookiyaa fa'a. Kanniin ergamittoota durana isaan ni dhaabachiisan, ergamittoonni'llee eega kadhataniin duubatti harka isaanii isaan irra ni kaayan. Haala kanaan dubbiin Waaqaa babaldhata'aa waan deemeef, laakkofssi amanttoota Yerusaalemii'llee haalaan baayi'ata'aa ni deeme, qeesota keessa'llee haalaan baayi'een ni amanan. Isxifaanos kennaa bilisaatii fi humnnaan'llee guutamee, wonittoota maalale'eetii fi baasota ol aanota ummata jiddu'utti ni taasisa ture, Yeroo sanitti, «Mana Waaqeffannaa worra bilisa bayanii» ka jedhame, mana waaqeffannaa namoota Yihudotaatii, Qareena'aa fi namoota Iskidriiyaa, Kiliqiyaa fi Asiya'aa namoonni tokko tokko ka'anii, Isxifaanosiin didu'uun ni mormman ture. Garuu ogumma'aa fi hafuura Isxifaanos ittiin dubbata ture, dura dhaabachu'uuf hin dandeenne. Yeroo sanitti, «Naminni kun Muse'ee fi Waaqa irratti'llee dubbii arrabaa yoo dubbatu dhageenneenii jirra» namoota jedhan, dhossa'aan itti ni kakaasan. Bifa kanaan ummataa fi jaarsotii, barsiisota seeraa'llee, isa irratti ni kakaasan, gara Isxifaanosiin'llee dhaqaniiti, qabanii yaa'ii duratti ni dhiyeessaniin. Isa irratti dharaan ragaa ka bayan namoota tokko tokko'llee ni fidan, ragoonni dharaa'llee akkana ni jedhan, «Naminni kun Mana Waaqeffanna'aa kanaa fi seera irratti'llee, dubbii arrabaa dubbachuu irraa ufi hin dhooggu. Akkuma kana, ‹Yesusiin Naazireetii kun Mana Waaqaa Qulqulluu kana ni diiga, naamusa Museen nuuf dabarsse'llee ni jijjiira› jedhee yoo dubbatu, isa dhageennee jira.» Yeroo kanatti bakka yaa'ii titti ka argaman marrinuu Isxifaanosiin guutatanii yoo laalaniin, fuulli isaa akka fuula maleeyikkaa ta'ee, isaanitti ni muldhate. Itti gaafatamaa qeesotaa'llee Isxifaanosiin, «Wonitti jedhame kun sirri'i moo?» jechuun ni gaafateen. Isxifaanos'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Yaa obboleeyyanii fi abbootii kiyya! Mee ana dhageeffadhaa! Abbaan keenna Abrahaam Kaanaan jiraachu'uuf uduu hin deeminiin duranatti, uduma Mosophotaamiyaa jiru, Waaqinni ulfinnaa isatti muldhateeti, ‹biyya kee keessaa baatee, firoottan kee irraa fooyamittee, gara biyya ani sitti muldhisuu deemi!› ni jedheen. Yeroo sanitti biyya worri Kaaleedootaatii bayanii Kaaraan ni taa'e, abbaan isaa eega du'een duubatti'llee Waaqinni kaaraanii isa baasee, gara biyya adha isin keessa jiraattanii ni fideen. Haa ta'u malee qabiyyema haga ijjata miilaa gayuu hin kennineef, garuu biyya kanaa isaa fi isaan duubatti'llee fiixaa isaatiif qabiyyee taasisee akka kennuuf waadaa aseeneefii ture, waadaa kana ka aseeneef'llee, Abrahaam uduu finna hin qabatin ture. Fiixaan isaa'llee biyya alaga'aa titti koolu-galaa ta'ee akka jiraatuu fi biyya santti'llee woggaa dhibba afuriif, garba taasisanii gad qaba'aan akka bitaniin, itti himee ture. Itti aanssee'llee, ‹garba isaan taasisee ummata isa bitu irratti ni murtteessa, kanaan duubatti'llee bilisa bayanii, bakka kanatti ana ni waaqeffatan› jedhee Waaqinni dubbatee jira. Waadaa gadoomu'uu'llee ni kenneef, kanaaf Abrahaam Yisaaqiin yeroo uumate, eega dhalatee guyyaa saddeetaffaa titti ni gadoomiseen, akkuma kana Yisaaq'llee ilma isaa Yaaqoobiin ni gadoommise. Yaaqoob'llee abbootii gosaa ka ta'an, ijoollee isaa kudha lamaan ni gadoommise.» «Ijoolleen Yaaqoobii obboleessa isaanii Yooseefiin irratti hinaafanii, biyya Gibixii titti garba akka ta'uuf ni gurguraniin, Waaqinni garuu isa woliin ni ture, rakkinna isaa mara keessaa ni baaseen, nugusa Gibixii Fara'ooniin duranatti'llee, gaachenaa fi ogummaa ni kenneef. Nugusichi'llee Gibixii fi mana isaa mara irratti ajajaa ni taasiseen. Yeroo sanitti Gibixii fi biyya Kana'aanii mara irratti, beelli rakkinna ol aanaa fide ni ta'e, abbootiin keenna'llee nyaata argachu'uuf hin danddeenne. Yaaqoob'llee biyya Gibixii midhaan jiraachuu yeroo dhagayetti, yeroo jalqabaatiif abbootii keenna garasi ni erge. Deebi'anii gara biyya Gibixii yeroo deemanitti, Yooseef obboleeyyan isaa titti ni muldhate, maatii isaa'llee Fara'ooniin biratti ni beekkame. Kanaan duubatti Yooseef abbaa isaa Yaaqoobii fi firoota isaa maraa gara isaa ni fichisiise, isaan'llee wolitti qaba'aan namoota torbaatamii shan turan. Kanaaf Yaaqoob gara biyya Gibixii ni deeme, isaa fi abbootiin keenna achitti ni du'an. Lafeen isaanii'llee gara Seekem fudhatamee lafa awwaalaa ka Abrahaam Seekemitti, ijoollee Hamoorii irraa qarshi'iin bitetti ni awwaalame.» «Abddiin Waaqinni Abrahaamii kaku'uun kenne yeroon itti raawwatamu yoo dhiyaatutti, lakkofssi ummata keenna ka biyya Gibixii keessa turee, baayi'ata'aa ni deeme. Kun'llee ka ta'e nugufnni Yooseefiin hin beekinne ka bira'aa, biyya Gibixii keessatti haga yeroo ka'ee titti. Nugufnni haarofnni ummata keenna irratti hammeennaan ka'ee, abbootii keenna gad qabuu jala ni qabe, daa'imman isaanii'llee akka du'anii fi gara alaa baasanii akka isaan gataniif, abbootii keenna ni dirqamsiiseen. Yeroo sanitti Museen ni dhalate, inni'llee Waaqa duranatti daa'ima bareede ture, ji'a sadihiif mana abbaa isaa titti ni guddate, gara alaa'llee yeroo gatametti intaltti durbaa ta Fara'o'oonii fudhatteeniiti akka ilma isi'ii taasfttee, ni guddiffatteen. Museen'llee ogummaa worra Gibixootaa mara ni barate, dubbi'ii fi hujii isaatiin'llee ka jabaate ni ta'e.» «Museen'llee woggaa afurtamaa yeroo guuteentti, obboleeyyan isaa ijoollee Israa'eelii laalu'uuf ni ka'e. Obboleeyyan isaa keessaa tokko nama biyya Gibixii tokkoon yoo dhiibamuu fi yoo dhaanamuu argee ni gargaareen, ka isa miidhe'llee gadoo bayu'uun, Gibixicha dhayee ni ajjeeseen. Waaqinni karaa isaantiin akka bilisa isaan baasu, ummanni isaa waan hubatan itti fakkaatee ture, isaan garuu kana hin hubanne. Guyyaa itti aanutti'llee Israa'eeloonni lamaan ufii isaaniitii yoo wol dhaban isaan argateeti isaan araarssuuf barbaadu'uun, ‹isin namoota nana, isin obboleeyyanii bee, maali'iif wol dhabiddan?› isaaniin jedhe. Namichi waahela isaa ni dhaana ture sun, Musee achi ufi irraa dhiibeeniiti, ‹si ammoo nu irratti bulichaa fi murtteessaa ka si taasise eennu? Akkuma kaleessa Gibixicha ajjeeftteen, ana'llee ajjeesu'uuf barbaadda moo?› ni jedheen. Museen kana yeroo dhagayetti biyya Gibixiitii dheessee gara biyya Miidiyaamii deemeeti, achitti baqataa ta'ee ni jiraate, achitti'llee ijoollee dhiiraa lama ni uumate.» «Museen biyya sanitti woggaa afurtamaa eega dabarseen duubatti gammoojjii Siina'aa titti, arraba ibiddaa ximirroo keessaan bobayuu keessaan, maleyikkaan tokko itti ni muldhate. Museen'llee kana yeroo argetti ni maalale, dhiyaatee yoo laalutti'llee, qooniqqa Gooftaa ka akkana jedhu ni dhagaye, ‹ani Waaqa abbootii keetiiti, Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisaaq, Waaqa Yaaqoobiiti› Museen'llee soda'aan ni hollate, laalu'uuf'llee hin uggine.» Gooftaan'llee akkana ni jedheen, bakkeen irra dhaabatte kun arddii qulqullaaye waan ta'eef, kophee kee baafadhu, biyya Gibxii ka jiru rakkinna cimaa ummata kiyyaa dhugamaanuu argee jira, iyya isaanii ka sarddamaa'llee dhagayee jira, kanaaf isaan fayyisu'uuf bu'ee jira, amma'llee koottu! An gara Gibixii titti si'i ni erga. «Ummanni Israa'eelii Muse'een, ‹nu irratti bulicha'aa fi murtii kennaa akka taatu ka si taasise eennu?› jechu'uun, ni mormmaniin turan, haa ta'u malee Waaqinni Musee kana ibidda ximmiro'oo keessaan karaa maleyikkicha itti muldhateetiin, bita'aa fi bilisa baasaa isa taasisee, gara isaanii ni ergeen. Gibixii fi garba ciisaa diima'atti maalale'ee fi baasota taasisu'uun ummata isaa baasee woggaa afurtamaa ka isaan eemare, Musema kana ture. ‹Gooftaan Waaqinni keessan akkuma ana akkuma kana obboleeyyan keessaan jiddu'uu, nabiyyii isiniif ni kaasa› jedhee, Israa'eelootatti ka dubbate, Musema kana ture. Ummata gammoojji'itti wolgayee turee fi maleyikkicha Gaara Siina'aa irraa dubbateen woliin, akkuma kana abbootii keennaan woliin'llee ni jira ka ture isa. Dubbii Waaqaa ka jireennaa'llee nu'uuf ka dabarsse'llee, Musema kana.» Abbootiin keenna garuu ni mormmaniin malee hin ajajamnneef, onnee isaanii titti'llee gara Gibixii titti deebi'uuf ni yaadan. Aaroon'llee, kun Museen biyya Gibixiitii nu baase Musee maal akka isa irra gaye hin beekinnuutii, fuun durana keennaan deema'aa ka nu eemaran, waaqota sobaa nuuf hojjadu! jedhaniin. Yeroo sanitti fakkeenna waati'iitiin Waaqa harkaan hojjatame hojjatanii kitimaa ni dhiyeessaniif, hujii harka isaaniitiin'llee ni gammadan. Waaqinni garuu isaan irraa ni fooyamee. Urjjii sami'ii'llee akka waaqeffataniif dabarssee isaan ni kenne, kun'llee nabiyyootaan akkana jedhamee akkuma barreeffame, «Isin yaa namoota Israa'eelii! horii qalamee fi kitimaa woggaa afurtamaa guutuu gammoojji'itti, ka dhiyeessitan anaaf moo? Qabddanii ka deemttan dukkaanni Moolokiiniitii fi Reefaan ka jedhamu fakkii urjjii Waaqa keessan hojjattanii ture, isaan'llee harka keessaniin hojjattanii, ni sagadaniif ka turan waaqota sobaati. Ani'llee Baabiloonii achitti akka kooluu galttan ni taasise.» «Abbootiin keenna gammoojji'itti dukkaana raguma'aa ni qaban turan, dunkkaanattii tana'llee akkaatama bu'ura Waaqinni isatti himee fi muldhiseetiin, ka hojjate Musee ture. Waaqinni isaan ufi duranaa isaanii ka isaan ari'e biyya Ummata Waaqa dhugaa titti hin amannee yeroo dhaalanitti, abbootiin keenna dukkaanatti fudhatan kana Iyyaasu'uun woliin garasi ni galchaniin, haga bara Daawiitii titti'llee achi ni jiraatte. Daawiit'llee Waaqaa duranatti gaachena argatee Waaqa Yaaqoobiitiif mana keessa bultti'ii isaatiif ta'u, hojjachu'uuf kadhanna'aan ni gaafate. Garuu Waaqaaf mana ka hojjate Solomoon ture.» «Ta'u'llee Waaqinni jiraataan mana harka namaatiin hojjatame keessa hin jiraatu, kun'llee nabiyyichi akkana jechu'uun akkuma barreesse, ‹samiin teessoo kiyya, arddiin'llee ijjata miila kiyyaati, eegaa anaaf mana attamii naa ijaarttan? Bakkeen itti boqadhu hoo ka attamiiti? jedha Gooftaan. Kana maraa ani harka kiyyaan ka hojjadhee mitii ree?› jedha Waaqinni.» «Isin morkkatoota nana onneen keessan ka duudde! Gurri keessan'llee ka hin dhageenne! Isin'llee akkuma abbootii keessan yeroo maraa Hafuura Qulqullu'uun ni mormitan. Nabiyyoota keessan abbootiin keessaan ka hin ari'atin eennutu jira? Isaan dhufaatii qulqullaayomichaa durssanii ka dubbatan ni ajjeesaniin, isin'llee dhufaatii qulqullaayomicha kana dabarssitanii kennu'uun, ni ajjeesifttaniin. Isin karaa maleyikkootaatiin seera fudhattanii turttan, garuu isa hin eeginneen.» Miseensonni yaa'ii kana yeroo dhagayanitti ni dallananan, Isxifaanosiin irratti'llee dallansu'uun ilkaan isaanii ni qaran. Inni garuu Hafuura Qulqullu'uun guuttamee gara sami'ii guuttatee yeroo laalutti ulfinna Waaqaa ni arge, Yesusiin'llee mirga Waaqaatiin dhabatee ni argeen, kanaaf, «Kunoo samiin banamee Ilmi Namaa mirga Waaqaatiin dhaabatee ni arga!» jedhe. Yeroo sanitti'llee isaan qooniqqa ol aanaan ni iyyan, gurra isaanii'llee duuchan bakka tokko, gara isaa ni fiigan. Magaala'aa'llee baasaniinii dhaga'aan ni woqaraniin, Ragoonni isaa'llee uffata isaanii fidanii, Saa'ol ka jedhamu dargaggeessi tokko akka isaanii eeguuf, miila isaa bira ni kaayan. Uduma dhaga'aan isa woqara'aa jiran Isxifaanos, «Yaa Gooftaa Yesus! Lubbuu kiyya fudhadhu!» jedhee ni kadhate. Jilbbiiffatee'llee, «Yaa Gooftaa! Balleessaa kiyya kana natti hin laakkayin!» jedhee, qoniqqa ol aana'aan ni iyye, kana'llee jedhee ni du'e. Saa'oli'llee ajjeefamuu Isxifaanosii titti wolii galee ture, Guyyaa Isxifaanos itti du'etti woldaya amanti'ii Yerusaalemtti argamittu titti ari'ataminni ol aanaan ni ka'e, ergamittoota malee amanttoonni marrinuu gara Yihuda'aa fi gara arddii Samaariya'aa ni bittinaayan. Namoonni hafuurayyoonni Isxifaanosiin ni awwaalaniin, qoniqqa ol aanaan'llee iyya'aa ni booyaniif. Saa'ol garuu woldaya amantii balleessuuf ni tataafata ture, manaa gara manaa titti'llee aseena'aa, amantoota dhiiraa fi dubarttootaa, harkisa'aa ni baasa ture, gara mana hidhaa'llee isaan ni galcha ture. Amanttoonni bittinnaayan'llee bakka dhaqan marrattuu, dubbii Waaqaa ni barsiisan ture. Filiphos'llee gara magaalaa Samaariyaa deemee, namoota waayee Masihichaa ni barsiise. Namoonni'llee dubbii Filiphosii yeroo dhagayanii fi baasota inni taasisu'llee yeroo arganitti, yaada tokkoon ufi eeggannaan ni dhageeffataniin ture. Hafuuronni battiin'llee qooniqqa ol aanaan iyya'aa, namoota baayi'ee keessaa ni bayan ture, naafonni baayi'ee fi hokkolttoonni baayi'een'llee ni fayyan ture. Kanaaf magaalaa sanitti gammachuun ol aanaan ni ta'e. Magaalaa san'llee Simoon nama jedhamu ture, naminni kun'llee magaalattii keessatti asimmaa hojjata'aa, ummata Samaariyaa maalalchiisaa ture jira, «Ani nama gudda'aa!» jedhaa'llee, ni dubbata ture. Namoonni marrinuu diqqa'aa fi guddaan'llee, «Naminni kun ol aana'aa jedhamee ka waamamu Humnna Waaqaati!» jedha'aa, ufi eegganaan ni dhageeffataniin ture. Ufi eegganna'aan ni dhageeffataniin ka ture'llee, yeroo baayi'e'ee jalaqabee asmma'aan isaan ni maalalchiisa waan tureef. Filiphos garuu waayee Mootummaa Waaqaatii fi waayee maqaa Yesus Kristosii dubbii mishaa gammachu'uu yeroo dhagayanitti, dhiiraa fi dubarttoonni'llee amananii ni cuuphaman. Simoon'llee uduu hin hafin amanee cuuphameeti Filiphosiin woliin hirmmaataa ni ta'e, ka taasisan wonittoonni dinqi'iitii fi baasonni ol aanota argu isaatiin'llee, ni maalalfata ture. Ergamittoonni Yerusaalemiin ni jiran turan namoonni Samaariya'aa dubbii Waaqaa fudhachuu isaanii yeroo dhagayanitti, Phexirosii fi Yohaannisiin gara Samaariya'aa isaan ni ergan. Kanaaf namoonni Samaariyaa Hafuura Qulqulluu akka fudhataniif, Phexirosii fi Yohaannis dhaqanii isaanii ni kadhatan. Namoonni Samaariyaa maqaa Gooftaa Yesusiitiin cuuphamanii turan malee, Hafuurri Qulqulluun haga ammaa tokkoo isaanii irrattuu, hin buunee ture. Kanaaf Phexirosii fi Yohaannis harka isaan irra kaayanii yeroo isaaniif kadhatanitti, Hafuura Qulqulluu ni fudhatan. Ergamittoonni harka isaanii isaan irra yoo kaayan Hafuurri Qulqulluun namootaaf kennamuu isaa Simoon yeroo argetti, qarshii isaanii fideeti, «Naminni ani harka kiyya irra kaayu Hafuura Qulqulluu akka fudhatu aangoo kana naa kennaa» jedhe. Phexiros garuu akkana ni jedheen, «Kennaa Waaqaa qarshi'iin argachu'uuf yaaduu keetiin, qarshiin kee si woliin haa badu! Onneen kee Waaqa duranatti qajeelaa waan hin ta'iniif, ati waan kanaa keessaa yookiin carraa hin qabddu. Eegaa hammeenna kee kana irraa gaabbiitii gara Waaqaa deebi'i, yookiin yaanni hamaan onnee keetii dhiifama siif ni taasisa yoo ta'e, Waaqa kadhadhu. Ati hinaaffaa hadhaaya'aan akka guuttamttee fi hidhamaa cubbu'uu akka taate ni arga.» Simoon'llee, «Waan amma dubbattan keessaa tokkommaanuu akka narra hin geenneef, isinummaan mataan keessan gara Waaqaa naaf kadhadhaa» isaaniin jedhe. Phexirosii fi Yohaannis eega ragaa bayanii fi dubbii Gooftaan'llee eega dubbataniin duubatti, gandoota Samaariyaa baayi'eetti, wongeela hima'aa, gara Yerusaalmii ni deebi'an. Maleyikkaan Goofta'aa Filiphosiin, «Ka'iitii karaa Yerusaalemii gara Gaazaa fiduun gara kibbaa deemi» jedheen, karaan sun'llee karaa gammoojji'ii ni ture. Inni'llee ka'ee ni deeme, kunoo naminni Itoophiya'aa yakkatamaan tokko Waaqaa sagadu'uuf gara Yerusaalemii deemee ture, naminni kun'llee Hidakkee ta jedhamtte mootittii Itoophiya'aatiif tajaajila'aa fi itti gaafatamaa qabeenna isi'ii mara ni ture. Inni'llee gara biyya isaa yeroo deebi'utti guurttoo farddaa yaabbatee, kitaaba nabiyyicha lsaayasii ni dubbisa ture. Yeroo kanatti Hafuurri Qulqulluun Filiphosiin, «Deemi gara guurttoo farddaa san dhiyaadhuutii dubbisiin» jedhe. Kanaaf Filiphos garasi fiigee deemeeti, naminni Itoophiya'aa kitaaba nabiyyicha Isaayaasii yoo dubbisu dhagayee, «Hiikkaan waan dubbifttuu siif ni galaa ree?» jedheen. Namichi Itoophiyichaa'llee, «Naminni ana gargaaru uduu hin jiraatin attamitti naaf galuu dandda'a ree?» jedheeti Filiiphosiin, «Guurttoo farddaa irraa bayiitii, anaan woliin taa'i» jedheen. Inni'llee ni dubbisa ka ture kutaan kitaaba Qulqullu'uu ka itti aanee jiru ture, «Inni akka hoolaa qalamu'uuf ooffamuu ni ture, riffeenissa haaddota worri ta'an'llee yoo irraa haadan'llee akkuma ilmmayyoo caldhisuu titti, inni'llee dubbachu'uuf afaan isaa hin bannanne. Inni ni salphate, murtiin qajeelaan'llee hin kenamnneef. Lubbuun isaa'llee arddii irraa dhabamisiifamee jiraatii, waayee dhalootaatiif eennutu dubbachu'uuf dandda'a?» Yakkatamchi'llee Filiiphosiin, «Nabiyyichi kana ka dubbate waayee eennuutiif? Waayee mataa isaatiif moo yookiin waayee nama bira'aatiif? Yabo'oo natti himi» ni jedheen. Filiiphos'llee kutaa kitaaba Qulqulluu kanaa irraa jalaqabee, waayee Yesusii Oduu Gammachuu misha'aa, itti ni hime. Yoo deemaan'llee gara bakka bishaan jiru ni gayan, yakkataman'llee, «Kunoo akka hin cuuphamnneef wonitti ana dhoogu maali'i?» jedhe. [ Filiphos'llee, «Onnee kee guutu'uun yoo amantte cuuphamu'uuf ni danddeetta» jedheen. Yakkatamchi'llee, «Yesus Kristos Ilma Waaqaa ta'uu isaa ni amana» jedhe.] Yakkatamchi'llee guurttoon farddaa akka dhaabatu ni ajaje, lamaanuu gara bishaanii bu'aniiti, Filiphos yakkatamcha ni cuupheen. Bishaan keessaa eega bayaniin duubatti Hafuurri Goofta'aa Filiphosiin ni fudhateen. Yakkatamchi'llee deebi'ee hin argineen, haa ta'u malee gammada'aa adeemissa isaa itti ni fuufe. Filiphos garuu Azaaxoon keessatti ni argame, haga yeroo gara Qiisaariyaa dhufetti'llee, gara magaalota maraa deema'aa wongeela ni lallaba ture. Yeroo sanitti Saa'ol barattoota Gooftaa ajjeesu'uuf dhaadata'aa, gara mana itti gaafatamaa qeesotaa ni dhaqe. Karaa Goofta'aa'llee namoota horddofan dhiiraa fi dubarttoota'llee yoo arggatu, hidha'aa gara Yerusaalemii fidu'uuf xalayaan isa danddeessisu, bakka wolgayiiwwan Damaasqoo Kristosiitiif barreeffamanii akka kennamuuf, itti gaafatamoota qeesotaa ni gaafate. Yoo deemu'llee gara Damaasqo'oo yeroo dhiyaatetti, naannaya isaa titti dimmaa sami'ii ifin ni calaqise Yeroo sanitti lafa irratti ni kufe, «Saa'ol! Saa'ol! Maali'iif ana ariitaa?» qooniqqa jedhu'llee, ni dhagaye. Saa'oli'llee, «Yaa Gooftaa! Ati eennuu?» jedhe, inni'llee. «Ani ka ati ariitu Yesus, amma garuu ka'iitii gara magaala'aa aseen, wonitti raawwachuu qabddu achumatti sitti ni himama» jedheen. Namoonni Saa'oliin woliin ni deeman turan'llee qooniqqa uduma dhagayan eennuun'llee arguu dhabuu isaaniitiin, waan dubbatan dhabanii caldhisanii ni dhaabatan. Saa'oli'llee bakka itti kufee ni ka'e, ija isaa'llee yeroo banatetti garuu womaayyuu argu'uuf hin dandeenne, kanaaf namoonni harka isaa qabanii eemara'aa gara Damaasqoo ni fidaniin. Guyyaa sadihi guutuu womaayyuu arguu uduu hin danda'in, uduu hin nyaatnii fi hin dhugin'llee ni ture. Yeroo sanitti Damaasqoo Ananiiyaas ka jedhamu barataan tokko ni jira ture, Gooftaan'llee mulidhataan, «Ananiiyaas!» jedhee ni waameen, inni'llee, «Kunoo asi jira yaa Gooftaa!» jedhe. Gooftaan'llee akkana jedheen, «Gara karaa Qajeelaa jedhamuu deemi, achi'llee nama Yihudaa titti Saa'ol ka jedhamu nama biyya Xersees barbaadi, inni amma kadhannaa irra jira.» Saa'oli'llee ijji isaa deebi'ee arguuf akka danda'an, naminni Ananiiyaas jedhamu gara isaa aseenee harka isa irra yoo kaayu, mulidhataan ni arge. Ananiiyaas garuu akkana jechu'uun ni deebise, «Yaa Gooftaa! Naminni kun amanttoota kee ka Yerusaalemiin jiraatan irratti waan hamaa baayi'ee raawwachuu isaa, baayi'eewwan irraa dhagayee jira. Asitti'llee maqaa kee worra kaasan maraa hidhu'uuf, itti gaafatamoota qeesotaa irraa aangoo fudhatee jira.» Gooftaan'llee Ananiiyaasiin akkana jedheen, «Inni maqaa kiyya Ummata Waaqa dhugaa titti hin amanneef, nugusotaatii fi namoota Israa'eeliitiif ka beekisisu, meeshaa kiyya filatamaa waan ta'eef, gara isaa dhaqi, waayee kiyyaaf'llee rakkinna hagam gayu akka fudhatu, ni ibisaaf.» Kanaaf Ananiiyaas garasi deemee gara manaa inni turee ni aseene, harka isaa'llee Saa'oliin irra kaayee, «Obboleessa kiyya yaa Saa'ol! Garana yoo dhufttu karaa irratti ka sitti muldhate Gooftaan Yesusiin deebitee argu'uuf akka dandeettuu fi Hafuura Qulqulluun'llee akka sitti guutuuf, gara kee ana ergee jira» jedheen. Bakkumatti wonitti akka qonyanyaa fakkaatu ija isaa irraa bu'eeti arguuf ni dandda'e, ka'ee'llee ni cuuphame. Nyaata'llee nyaateeti ni jabaate, barattoota Damaasqoo ni jiran turan woliin'llee, guyyoota muraasaaf ni ture. Bakkumatti'llee Saa'ol Damaasqo'otti, «Yesus Ilma Waaqaati» jedha'aa, bakka woligayii isaanii titti barsiisuu jala ni qabe. Worri dhageeffataniin marrinuu'llee, «Naminni kun Yerusaaelmitti worra maqaa kana waaman maraa ni balleessa ka turee mitii? Garana'llee ka dhufeef isaan hidha'aa, gara itti gaafatamoota qeesotaa fiduufii mitii?» jechu'uun, ni maalalan ture. Saa'ol garuu caalatti jabaata'aa ni deeme, Yesus Masihii ta'uu hubachiisu'uun Yihudota Damaasqoo ni jiraatan turan, deebii ni dhabisiisa ture. Guyyaa baayi'een duubatti Yihudonni Saa'oliin ajeesuuf ni mari'atan, Inni garuu marri isaanii ka dabaa ni beeke, isaan'llee isa ajjeesuuf halkanii fi guyyaa karaawwan inni bayu ni eegan ture. Garuu halkaniin barataa isaa Saa'oliin ginboolaa keessa kaayanii, fooddaa kaloo kaabaa dhaga'aa keessaan gara gadii ni buusaniin. Saa'ol gara Yerusaalemii yeroo deemetti barattoota achi jiraniiin woliin, wolitti dabalamuuf ni yaale, isaan garuu Kristostti amanuun isaa dhugaa waan isaanitti hin fakkaatiniif, marrinuu ni sodaataniin. Barnaabaas garuu Saa'oliin gara ergamittootaa dhiyeesseeniiti, karaa irraa yeroo jirutti Gooftaan attamitti akka isatti mulidhatee fi akka isaa dubbise, Damaasqotti'llee maqaa Yesusiitiin attamitti uggiinssaan akka barsiisee, isaanitti ni hime. Kanaaf Saa'ol isaan woliin ta'ee Yerusaalemiin keessa ni dedeebi'a ture. Maqaa Goofta'aatiin'llee uggiinssaan ni barsiisa ture, Yihudota dubbattoota afaan Giriikii ta'an woliin dubbata'aa, ni morma ture, isaan garuu isa ajjeesuuf karoorffatanii ture. Obboleeyyan kana yeroo beekanitti gara Qiisaariyaa ni fudhataniin, achii'llee gara Xerseesii akka deemu ni taasisan. Yihudaa, Galiila'aa fi Samaariyaa mara keessa woldeenni amanti'ii ta jirttu nagaya ni argatte, ni jabaatte'lle'e, Gooftaa ulfeeffata'aatii fi Hafuura Qulqulluun'llee jajabaata'aa laakkofssaan'llee ni guddatte. Phexiros biyya maraa keessa dedeebi'aa uduma jiru, gara amanttoota Baldaa jiraatanii ni dhaqe. Achitti'llee woggoota saddeetii guutuu siree irra ka ciise, Eneyaas ka jedhamu naafa ni argate. Phexiros'llee, «Yaa Eneyaas! Yesus Kristos si fayyisa jira, ka'iitii siree kee afadhu!» jedheen, inni'llee bakkumatti ni ka'e. Jiraattonni Liida'aatii fi Saaronii marri'llee isa arganii, gara Gooftaa ni deebi'an. Iyyoophee'llee Xaabiitaa ta jedhamttu amanttuu takkatu jira ture, hiikkaan maqaa isi'ii'llee afaan Giriikiitiin Dorkaas hiikkaan isaa'llee kuruphee jechu'u, isiin'llee waan mishaa raawwachu'uu fi hiyyeesotaa arjjoomuu, hujii isi'ii ka yeroo maraa ta taasffatte ni turtte, Yeroo sanitti isiin dhukkubssattee ni duute, dhiqaniinii'llee kutaa mana wol irroo gubaa jiru keessa, ni kaayaniin. Liidaan Yophe'etti dhiyoo waan turtteef ergamoota Yophee jiran, Phexiros Liidaa akka jiru dhagayanii, «Yabo'oo uduu hin turin nu dhaqab» jedhanii, namoota lamaa itti ni ergan. Kanaaf Phexiros ka'ee ergamootaan woliin ni dhufe, Yeroo achi gayetti'llee, gara kutaa mana wol irraa jiruu ni fidaniin, dubarttoonni abbaan worraa irraa du'an marrinuu naanaya isi'ii dhaabatanii booya'aa, Dorkaas yeroo isaan woliin lubbu'uun jirttutti shinshiniiwwan hojjattee fi uffatoota ni mulidhisan ture, Phexiros garuu maraayyuu gara alaa baaseeti jilbbiiffatee ni kadhate, gara reeffaa'llee garagaleeti, «Xaabiitaa! Ka'i!» jedhe, isiin'llee ija isi'ii ni banatte, Phexirosiin'llee ni argite, kaatee'llee ni teette. Inni'llee harka isaa hiixatee qabee ol ni kaaseen, dubarttoonni abbootiin worraa isaanii irraa du'anii fi amanttoota kaanniin'llee waamee, mucattii lubbu'uun isaan duranatti ni dhiyeesseen. Wonitti kun'llee Yophee mara keessatti ni beekkame, namoonni baayi'een'llee Goofta'atti ni amanan. Phexiros'llee Simoon ka jedhamu mana namicha gogaa duugidihcaa tokkoo woliin, guyyoota baayi'eef Yophee ni taa'e. Qiisaariyaa ka jiraatu Qorneelewos nama jedhamu tokkotu jira ture, inni'llee hoomaa woraana Rooma'aa jalatti, «Kutaa woraana Ixaaliya'aa» ka jedhamu keessatti, ajajaa dhibbaa ni ture. Inni'llee maatii isaa mara woliin Waaqaa ka Waaqeffatuu fi nama sodaatu ture, hiyyeesotaaf'llee arjjooma baayi'ee ni kenna ture, gara Waaqaa'llee yeroo mara kadhannaa isaa ni dhiyeessa ture. Guyyaa tokko gara saa'aatii sagalii titti maleyikkaan Waaqaa gara isaa yoo aseenuuf, «Qorneelewos!» jedhee yoo waamuun, ifaan mulidhataan itti ni muldhate. Guuttatee gara maleyikkichaa laaleeti nayu'uun, «Yaa Gooftaa! Maali'i?» ni jedhe. Maleyikkichi'llee akkana jedheen, «Kadhannaan keetii fi arjjoomnni hiyyeesotaaf taasfttu'llee yaadannoo mishaa ta'ee, gara Waaqaa ol deemee jira, amma'llee namoota gara Yophee ergiitii, Phexiros ka jedhamu Simooniin waamsisi, inni'llee amma garba ciisaa biratti ka argamu mana gogaa duugidicha mana Simoonii, keessumumma'aan taa'ee jira.» Maleyikkichi kana itti hime isa biraa fooyamee yeroo deemetti, Qorneelewos tajaajilttoota isaa keessaa lamaanii fi lolttoota kutaa isaatii ta'an keessaa, Waaqa ka sodaatu tokko waameeti, waan maraa eega isaanitti himeen duubatti, gara Yophe'ee isaan ni erge. Guyyaa itti aanutti isaan deemanii gara magaala'aa yoo dhiyaatan, gara saa'aatii jahaa titti gara mana Phexiros keessa ture mana wol irro'otti, kadhanna'aaf ni baye. Yeroo sanitti Phexiros beelayeeniiti waan tokko nyaachu'uuf ni barbaade, laaqana qopheessuu irra uduu jiru'llee, yaada hafuuraatiin liqimfamee muldhata ni arge. Muldhanni arge'llee samiin banamee kallattii arffaniin ka qabame wonitti uffata guddaan golgata fakkaatuu, gara lafaa yoo bu'u. San irratti'llee beeyladoonni adda addaa garaa isaaniitiin uumamittoonni lafa irra harkifatanii fi samii irra sinbirroonni bararan'llee keessa ni turan. Yeroo sanitti, «Yaa Phexiros! Ka'iitii qala'aa nyaadhu!» qoonqqa jedhu ni dhagaye. Phexiros garuu, «Yaa Gooftaa! Hin ta'u! Ani qulqulluu ka hin ta'in yookiin waan baattii ta'e nyaadhee hin beeku» jedhe. Akkuma kana «Ka Waaqinni qulqullaawomaa taasise ati batti'i jechuu hin qabddu qoonqqa jedhu, deebi'ee ni dhagaye. «Kun'llee yeroo sadihi eega ta'een duubatti wonitti uffata fakkaatu sun, bakkumatti gara samii ni fudhatame.» Phexiros hiikkaa mulidhata, «Maal ta'inna?» jedha'aa yaada isaa titti yoo sarddamu, namoonni Qorneelewosii erge gaafi'iin mana Simoonii argatanii balbala ni dhaabatan ture, waamamanii'llee, «Phexiros ka jedhame Simoon keessumumma'aan ka arggamu, asitti moo?» jedhanii ni gaafatan. Phexiros'llee waayee muldhataa uduma buusee baasuu irra jiru, Hafuurri Qulqulluun akkana jedheen, «Kunoo! Namoonni sadihi si ni barbaadan, ka'iitii bu'i, ka isaan erge ana waan ta'eef uduu hin shakkin isaan woliin deemi» jedheen. Phexiros'llee bu'ee gara namootaa dhaqeeti «Kunoo naminni barbaaddan ana, sababaan dhuftaniif maali'i?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Nu'u ajajaa dhibbaa Qorneelewosiin bira dhufnne, inni nama ummanni Yihudotaa marrinuu kabajuun, nama mishaa Waaqa Waaqeffatu, si'llee gara mana isaa si waamsisee waan ati jettu akka dhagayuuf, maleyikkichi Qulqulluun ibisee itti himee jira» jedhaniin. Phexiros'llee gara manaa isaan aseenisiseeti isaan ni keessummeesse, kadhatee'llee isaan ni bulche. Guyyaa itti aanutti'llee ka'ee isaan woliin ni deeme, obboleeyyan Yophee jiran keessaa turan keessaa'llee tokko tokko isaan woliin ni deeman. Guyyaa lammaffaa titti'llee gara Qiisaariyaa ni gayan, Qorneelewos'llee firoota isaatii fi waahellan isaa ka dhiyyo'oo waamee, Phexirosiin fa'a ni eeggata ture. Phexiros gara manaa yoo aseenu Qorneelewos gara isaa dhiyaateeti, miila isaa jalatti jigee ni sagadeef. Phexiros garuu, «Ka'i! Ani'llee akkuma kee nama!» jedhee ni kaaseen. Haasofsiisaa'llee gara keessaa yoo aseenu, namoonni baayi'een wolitti qabamanii ni argate. Akkana'llee isaaniin jedhe, «Nama Yihudichi ta'eef ummata bira'aa woliin hirmmaachuu fi gara mana isaa'llee aseenuuf, Seerri amanitii keennaatiin akka hin eeyyamaminne isiin mataan keessanuu ni beekittan, garuu eennuun'llee ka qulqulluu ka hin ta'in yookiin battii akka hin jenneef, Waaqinni naaf ibisee jira. Knaaf yeroo natti ergametti mormmii tokko malee ni dhufe, eegaa maali'iif akka ana waamttan, beekuuf ni barbaada.» Qorneelewos'llee akkana ni jedhe, «Guyyaa afuriin duranatti yeroma kana saa'aatii sagalitti, mana kiyyatti ni kadhadha ture, kunoo dimmaa naminni uffata biliqisu uffate tokko, durana kiyya ni dhaabate, akkana'llee naan jedhe, ‹yaa Qorneelewos! Waaqinni kadhannaa kee dhagayee jira, arjjoomnni hiyyeesotaaf raawwatte'llee si yaadamee jira, eegaa gara Yophe'ee barataa ergiitii, Phexiros ka jedhame Simooniin waamsis, inni'llee garba ciisaa biratti ka argamu mana Simoonii gogaa duuga'aa, keessumumma'aan taa'ee jira,› kanaaf bakkumatti ergamoota gara kee ni erge, ati'llee dhufuu keetiin mishaa taasfttee jirta, eegaa Waaqinni akka dubbatuuf waan si ajaje maraa, dhagayuuf nu marri keennaa, Waaqa duranatti asitti wolitti qabamnnee jirra» jedheen. Phexiros'llee akkana jechu'uun dubbachuu jala ni qabe, dhugamaanuu Waaqinni nama namaan akka wol hin caalchifnne ni hubadhe, Nama biyya kamiituu yoo ta'e Waaqa ka sodaatuu fi waan sirrii ta'e ka hojjatu yoo ta'e, Waaqinni isa ufitti ni fudhataan. Waaqinni ummata Israa'eeliitiif dubbii isaa erguun isaa ka beekkame, Gooftaa maraa karaa Yesus Kristositiin, nagaya lallaba'aa, ka dhufeef'llee isaaniif. Yohaannis waayee cuupha'aa yeroo lallabee jala qabee, Galiila'aa kaasee haga arddii Yihuda'aa marattuu, waan ta'e ni beekittan. «Dabalee'llee Waaqinni Yesusii Nazireetii Hafuura Qulqullu'uun akka isa dibee fi humnna'llee akka kenneef ni beekittan, Waaqinni'llee isa woliin ni jira waan tureef, inni'llee waan mishaa raawwata'aa, worra daabiloosiin qabaman maraa fayyisa'aa, asii fi achi ni dedeebi'e. «Baadiyyaa Yihuda'aatii fi magaalaa Yerusaalmii titti'llee waayee waan inni raawwatee maraaf nu'u ragoota, isa garuu muka irratti fannisanii ni ajjeesaniin.» Garuu Waaqinni guyyaa sadaffaa titti du'aa kaaseeniiti, akka muldhatu ni taasise. Ka muldhate'llee durssee ragoota Waaqaan filatamaniif malee, ummata maraafii miti, inni du'aa eega ka'een duubatti nu worrinuu isaan woliin ka nyaannee fi ka dhuginne ragoota, Waan kana ummataaf akka labissinuuf inni jiraattotaa fi du'oota irratti'llee akka murtteessuuf, Waaqaan ka ramadame ta'uu isaa akka ragaa baanuuf, nu ajajee jira. Ka isatti amanu marrinuu maqaa isaatiin dhiifama cubbu'uu akka argatu, nabiyyoonni marrinuu ragaa ni bayaniif. Phexiros kana yeroo dubbatutti namoota haasaya isaa dhagayan mara irratti, Hafuurri Qulqulluun ni bu'e. Phexirosiin woliin ka dhufan ka gadooman kirstaanota Yihudotaa keessaa, Waaqinni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef Hafuura Qulqulluu akka isaanii kennee yeroo arganitti, ni maalalan. Ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne Hafuura Qulqulluu argachuu Ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne ka beekan, afaanota bira'aatiin yoo dubbatanii fi Waaqa galateeffachuun yoo kabajan dhagayuu isaaniitiin. Yeroo kanatti Phexiros, «Namoonni kunniin'llee akkuma keenna Hafuura Qulqulluu fudhatanii jiran, eegaa, isaan bishaaniin akka hin cuuphamnneef eennutu isaan dhooga?» jedhu'uun ni dubbate. Kanaaf maqaa Yesus Kristositiin akka cuuphamaniif ni ajaje, kanaan duubatti Phexirosiin isaan woliin, guyyoota muraasaaf akka turuuf ni kadhataniin. Arddii Yihuda'aa titti ka argaman ergamittootaa fi obboleeyyan, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee dubbii Waaqaa fudhachuu isaan ni dhagayan. Phexiros gara Yerusaalemii deebi'ee yeroo deemetti, kristaanonni Yihudotaa worri naamusa gadoomaa titti amanan, «Waayee maaliitiif gara mana worra hin gadoominii aseentee isaan woliin nyaate?» jechu'uun ni gilndisaniin. Phexiros garuu akkana jechu'uun waan maraa tartiibaan ibisuu jala ni qabe, «Ani magaalaa Yophee titti kadhannaa irra uduu jiru yaada hafuuraatiin muldhata ni arge, muldhanni arge'llee wonitti golgata guddaa uffataa fakkaatu, kallattii arffaniin qabamee, sami'ii yoo bu'uu fi gara kiyya yoo dhufu, Isa guutadhee yoo laalu, golgata uffataa irratti beeyiladoota, bineensota bosonaa, uumamittoota garaa isaaniitiin lafa irra harkifatanii fi sinbirroota samii irra bararan'llee ni arge, ‹yaa Phexiros! Ka'iitii qala'aa nyaadhu!› qooniqqa naan jedhu'llee naan jedhu'llee» ni dhagaye. Ani garuu, hin ta'u yaa Gooftaa! qulqulluu ka hin ta'in yookiin wonitti battiin afaan kiyya aseenee hin beeku jedhe. Garuu yeroo lammaffaa'llee, Waaqinni qulqulluu ka taasise ati batti'i jechuun sirraa hin malu! deebii jedhu, sami'ii ni dhagaye. Kun'llee yeroo sadihi eega ta'een duubatti wonitti uffata fakkaatu sun, marrinuu gara sami'ii ni fudhatame. Kunoo yeroo sanitti Qiisaariyaa gara kiyya ka ergaman namoonni sadihii gara mana ani keessa turee ni gayan. Shakkii tokko malee isaan woliin akka deemuuf'llee, Hafuurri Qulqulluun natti ni hime, obboleeyyan jahaan kunniin'llee ana woliin turan, isaaniin woliin'llee gara mana Qorneelewos jedhamuu ni aseenne. Inni'llee maleyikkicha mana isaa keessa dhabatee akka argee fi gara Yophe'ee nama ergitee Phexiros ka dhame Simooniin waamsis, inni'llee atii fi maatiin kee marri ka ittiin fayyitan dubbii Waaqaa isinitti ni hima akka isaan jedhe nutti ni hime. Ani'llee dubbachuu yeroo jala qabetti, Hafuurri Qulqulluun bifa yeroo jalqaba nuratti bu'eetiin, isaan irratti'llee ni bu'e. Yeroo sanitti, Yohaannis bishaaniin ni cuuphe, isin garuu Hafuura Qulqullu'uun ni cuuphamttan jechu'uun dubbii Gooftaan dubbate ni yaadadhe. «Nu'u Gooftaa Yesus Kristostti yeroo amannetti Waaqinni kennaa nuuf kenne isaaniif'llee eega kennee duubatti, Waaqa dhoogu'uuf ka danda'u ani eennu!» Isaan'llee kana yeroo dhagayanitti waan deebisan dhabanii ni caldhisan, «Eegaa Waaqinni ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee, jireenna haarawaan ka isaan gayu dhiifama isaaniif kennee jira» jechu'uun Waaqa ni galateeffatan. Isxifaanos woqaramee yeroo du'etti waayee ari'atama ka'eetiin amanttoonni bittinaayan, haga Finiqee fi Qophiroos, haga Anxokiyaa'llee ni deeman, dubbii Waaqaa'llee Yihudota qofa malee, kaanniintti hin dubbataniiyyu ture. Haa ta'u malee Qophrosii fi Qareena'aa ka dhufan amanttoonni tokko tokko gara Anxokiyaa yeroo deemanitti, Giriikota dabalatee waayee oduu mishaa Gooftaa Yesusii, ni lallaban. Gooftaan'llee humnnaan isaan ni gargaara ture, namoonni baay'een'llee amananii gara Gooftaa ni deebi'an. Woldaya amanti'ii ta Yerusaalemiin turtte'llee kana waan dhageetteef, Baarnaabaasiin gara Anxokiyaa ni ergiteen. Inni'llee deemee Waaqinni kennaa isaa ka bilisaa ummataaf attamitti akka kenne yeroo argetti ni gammade, marrinuu onnee guutu'uun jabaatanii Goofta'aaf amanamoota ta'anii, akka jiraataniif isaan ni gorsse. Inni'llee Hafuurri Qulqullu'uu fi amantiin ka itti guuttamtte nama mishaa waan tureef, namoonni laakkofssi isaanii baayi'ee ta'an, gara Gooftaa ni deebi'an. Kanaan duubatti Baarnaabaas Saa'oliin barbaaduuf, gara Xerseesii ni deeme. Yeroo argateenitti'llee gara Anxokiyaa ni fideen, lamaanuu woggaa tokko guutuu woldayoota woliin tokkummaan ta'anii, namoota baayi'ee ni barsiisan, barattoonni isaa'llee yeroo jalqabaatiif Anxokiya'atti, «Kristaana» jedhamanii ni waamaman. Yeroo sanitti barsiisonni nabiyyoota jedhamanii waamaman, Yerusaalemii gara Anxokiyaa ni deeman, Isaan keessaa'llee tokko Agaabos ka jedhamu ka'ee, biyya lafaa mara irratti beelli ol aanaan akka ta'u kakaasnssa Hafuura Qulqulluutiin raaga ni dubbate, kun'llee ka ta'e bara nugusa Rooma'aa Klaawudiiyosii titti ture. Kanaaf amanttoonni Anxookiyaa jiraatan obboleeyyan Yihudaa jiraataniif, tokkoon tokkoon isaanii akka danddeettii isaaniitiin buusii wolitti baasu'uun, gargaarssi akka ergamuuf ni murteessan. Buusii'llee raawwatanii harka Barnaabaasii fi Sa'oliitiin, durssitoota woldayaatiif ni ergan. Bara sanitti nugufnni Heerodis namoota woldayaa amanti'ii tokko tokko ari'uu jala ni qabe, obboleessa Yohaannisii Yaaqoobiin billayaan ni ajjeesiseen. Wonitti kun Yihudotaa akka gammachiiseen yeroo argetti Phexirosiin'llee dabalee ni qabssiiseen, kun'llee ka ta'e guyyoota worri Yihudotaa ayyaana qixxa'aa itti kabajattutti itti ture. Phexirosiin eega qabssiiseen duubatti gara mana hidha'aa ni galcheen, ayyaana Yihudotaa ka Faasika'aatiin duubatti haga ummataaf isa dhiyeessuuntti, afur afur ta'anii akka isa eeganiiniif lolttoota afuriitti ni kenneen. Kanaaf Phexiros mana hidha'aa titti qabamee ni eeggama ture, garuu woldeenni amantii waayee isaatiif gara Waaqaa, ciminnaan ni kadhatti ture. Heerodis guyyaa itti aanutti Phexirosiin ummatatti dhiyeessuuf yaadee ture, Phexiros'llee halkan sanitti birbiraata lamaan hidhamee, loltoota lamaan jidduu rafee jira ture, loltoonni kuunniin'llee balbala mana hidha'aa ni eegan ture. Yeroo sanitti maleyikkaan Goofta'aa ifatti ni muldhate, mana hidha'aa keessatti'llee ifin ni ife, maleyikkichi'llee Phexirosiin cinaacha dhayee dammaqiseeniiti, «Dadafaan ka'i!» jedheen, birbiraatonni'llee harkiin isaa irraa ni kufan. Maleyikkichi'llee, «Uffata kee uffadhu! Kophee kee'llee godhadhu!» ni jedheen. Phexiros'llee akkuma ajajame ni raawwate, maleyikkichi'llee, «Qoola kee uffadhuutii ana horddofi!» ni jedheen. Phexiros'llee bayeeti ni horddofeen, muldhata waan argu itti fakkaate malee wonitti maleyikkichi raawwate marrinuu, dhugaa itti hin fakkaanne. Wordiyyaa tokkoffa'aatii fi lammaffaa bira dabrranii gara magaala'aa gara ka nama fidhuu gara cufantaa sibiilaa ni gayan. Cufantaan'llee uduma naminni hin tuqiniin akkanumaan isaanii banameeti, bayanii karaa dagale'ee tokkoon dabrranii ni deeman, dimmaa'llee maleyikkichi Phexirosiin biraa fooyamee ni deeme. Phexiros'llee gara qalbbii isaa titti deebi'ee, «Gooftaan maleyikkaa isaa ergee harka Heerodisiitii fi ummanni Yihudotaa ni eegan waan turan mara irraa ka ana fayyise ta'uu isaa, amma dhugamaanuu beekee jira» jedhe. Kana eega mirkaneeffateen duubatti namoonni baayi'een bakka tokkotti wolitti qabamanii gara bakka itti kadhatanii, gara mana Maariyaamii ni deeme, Maariyaamiin tun'llee haadha Marqoos jedhamuu haadha Yohaannisii turtte. Phexiros achi gayee balbala alaa yeroo dhadhayetti, Roodaa ta jedhamtte hojjattuun manaa takka eennuun akka ta'e beeku'uuf jecha, gara balbaalaa ni dhuftte. Qooniqqa Phexirosii ta'uu yeroo beekitetti, baay'inna gammachuu isi'ii irra ka ka'een balbala uduu hin banin, fiigiddee gara keessaa aseenitteeti, «Phexiros balbala dhaabatee jira!» jechu'uun ni dubbatte. Isaan'llee, «Maraattee jirta!» jedhaniin. Isiin garuu, «Dhugamaanuu isa!» yoo jettu ni mirkaneessite, isaan'llee eegasuu, «Wordiyyicha isaa maleyikkicha ta'a» jedhan. Phexiros garuu balbala dhadhayuu itti fufe, isaan'llee balbala bananii yeroo isa arganitti, ni maalalan. Inni garuu akka caldhisaniif harka isaatiin akeekee, Gooftaan mana hidha'aatii attamitti akka isa baaseen isaanitti odeesseeti, «Waan kana Yaaqoobii fi amantoota hafanitti'llee himaa» isaaniin ni jedhe. Isaan irraa fooyamee'llee gara bakka bira'aa ni deeme. Yeroo bari'etti'llee lolttoonni, «Phexirosiin maalttu irra gayee jira laata?» jechu'uun, haalaan ni jeeqaman. Heerodis'llee gara isaatiin Phexirosiin barbaachisee yeroo dhabeenitti, worra wordiyyaa eegan eega qorateen duubatti, akka ajjeeffaman ni ajaje, Saniin duubatti'llee Heerodis Yihuda'aa gara Qisariyaa deemee, achi ni taa'e. Heerodis namoota Xiiroosii fi Sidoona'aa irratti haalaan dallanee ni ture isaan'llee tokkumma'aan dhufaniiti, gorssaan nugusaa Bilaasxosii akka isaan gargaaruuf isa kadhatanii, tole eega jecchisiisaniin duubatti'llee nugusicha araara ni gaafatan, Kana'llee ka raawwatan biyyiti isaanii nyaata ka argattu bulchiinsa nugusichaatii waan turef. Guyyaa beelamametti Heerodis uffata isaa ka nugusaa uffatee teessoo irra taa'ee, ummataaf haasaya ni taasise. Ummanni'llee, «Kun qooniqqa Waaqaati malee, qooniqqa namaatii miti!» jedha'aa ni iyyan. Heerodis Waaqaaf ulfinna uduu hin kenniin hafuu isaatiin, bakkumatti maleyikkaan Goofta'aa dhayeeniiti raammayee ni du'e. Dubbiin Waaqaa garuu yeroo maraa deebi'ee, babaldhata'aa ni deema ture. Baarnaabaasii fi Saa'ol tajaajila isaanii xumuranii, Yerusaalemii gara Anixokiya'aa ni deebi'an, Marqoos ka jedhamu Yohaannisiin'llee, isaan woliin fudhataniinii ni dhufan. Woldaya amantiii ta Anxokiyaa jirttutti nabiyyoota jedhamanii ka waamaman wongeela lallabddootaa fi barsiisonni ni jiran turan, isaan'llee, Baarnaabaas, gurraacha ka jedhame Simooniin, Luukiyosii Qareena'aa, bulichaa kutaa bara arfaffa'aa woliin guddate Heerodisii ka turan Maanaahee fi Saa'olii'llee ni turan. Isaan Gooftaa yoo tajaajiluu fi sooma'aa uduu jira Hafuurri Qulqulluun, «Hujii isaan filadheef, Baarnaabaasii fi Saa'oliin adda naaf baasaa!» ni jedhe. Isaan'llee soomaniitii fi kadhatanii, harka isaanii isaan irra eega kaayaniin duubatti, isaan ni ergan. Baarnaabaasii fi Saa'ol Hafuurra Qulqullu'uun ergamanii, gara Seleewuqiyaa ni deeman, achii'llee dooni'iin gara Qophrosii ni deeman. Gara magaalaa Salaamisii yeroo gayanitti bakka wolgayii Yihudotaa titti dubbii Waaqaa ni barsiisan, Yohaannis Maarqoos'llee isaan woliin ta'ee isaan ni gargaara ture. Eddoolaa Qophrosii keessa baanee gara Phaafaa yeroo gayanitti, Baaryesus ka jedhamu Yihudicha raagaa tokko ni argatan, inni'llee nabiyyicha dharitticha ni ture. Ka jiraatu Sergiiyos Phaawulos ka jedhamu namicha qalbbii qabeessa bulichaa biyyaa ta'e woliin ture, bulichaan biyyaa kun'llee Baarnaabaasii fi Saa'oliin waamsisee, dubbii Waaqaa dhagayu'uuf ni barbaade. Garuu afaan worra Giiriiki'iitin, «Elimaas» jedhamee ka waamamu raagaan dharaa Baaryesus bulichaa biyyaa akka hin amanneef barbaadee, Baarnaabaasii fi Saa'oliin ni mormme. Phaawulos ka jedhame Saa'ol garuu Hafuura Qulqullu'uun guuttamee, namicha raagaa sobaa guuttatee laaleeniiti akkana ni jedheen, «Ati ilma sheexanaa, diina dhugaa maraa! Sossobu'uu fi hammeenni marri ka sitti guute, karaa qajeelaa Goofta'aa dabssuu hin dhiifttuu moo! Amma kunoo, harki Goofta'aa si ni dhaya, jaamaa'llee ni taata, yeroo muraasaaf'llee ifa adu'uu hin argitu.» Bakkumatti ija isaa qayyootaa fi dukkanni ni uffiseen, harka qabee nama isaa eemaru'llee naannaya isaa barbaaduu jala ni qabe. Bulichaan biyyaa'llee waan ta'e yeroo argetti ni amane, barsiisa waayee Goofta'aatiin dhagayeen'llee ni maalalffate. Kanaan duubatti Phaawulosii fi waahellan isaa doonii yaabatanii, Phaafaa gara Phergee Phamfiliyaatti argamttuu ni deeman, Maarqoos ka jedhame Yohaannis garuu isaan biraa fooyamee, gara Yerusaalemii deebi'ee ni deeme. Isaan garuu Pherge'ee ka'anii Phisidiya'atti gara Anxookiya'aa ni dhaqan, guyyaa Sanbbataatiin gara bakka wolgayii Yihudotaa tokko aseenanii ni ta'an. Kitaabban Seeraatii fi nabiyyootaa eega dubbisaniin duubatti itti gaafatamoonni bakka wolgayi'ii, «Yaa obboleeyyan, ummata ka jajabeessu jecha gorssaa yoo qabaattan dubbadhaa» jedhanii, gara Phaawulosii fa'a nama ni ergan. Kanaaf Phaawulos ka'eeti harkaan ummata ni gara ufii waamee, akkana'llee jechu'uun ni dubbate, «Namoonni Israa'eeliitii fi Waaqa ka sodaattan isin ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne dhagayaa! Waaqinni ummata Israa'eelii kun abbootii keenna ka duraanii ni filate, biyya Gibixii yeroo turanitti'llee ummata guddaa isaan ni taasise, Humnna isaa ol aanaan'llee biyya sanii isaan ni baase. Haga woggaa afurtamaatiif'llee, lafa gammoojji'ii titti isaaniif ni obisse. Achiin duubatti'llee biyya Kana'aanii titti mootota torbaa balleessee, arddii isaanii isaan ni dhaalchise, Kanaan duubatti'llee haga woggoota dhibba afurii fi shantamaa, haga bara nabiyyicha Saamu'eelii titti, abbootii murti'ii isaanii ni kenne.» Kanatti'llee aanssee nugusa akka isaanii moosisuuf Waaqa ni kadhatan, Waaqinni'llee gosa Biiniyaaminii keessaa ka ta'e, ilma Qiishii Saa'oliin woggaa afurtamaaf isaanii ni moosise. Saa'oliin'llee aangoo irraa eega buuseen duubatti Daawiitiin isaanii nugusa ni taasise, Waaqinni waayee Daawiitii raagaa yoo bayu, akka fedhii kiyyaa ka naa ta'u, fedhii kiyya'llee ka naaf raawwatu, ilma Iseyii Daawiitiin ni argadhe jedhee jira. Fiixaa nama kanaatii Waaqinni akkaataa dubbii abddii ka waadaa aseeneetiin, Fayyisaa Israa'eelii Yesusiin isaanii ni kaase. Yesus uduu hin dhufiniin duranatti Yohaannis, namoota Israa'eelii maraafuu waayee cuuphama cubbu'uu lallabee ture. Yohaannis hujii isaa yeroo xumuretti, ani eennuun isinitti fakkaadhee? Ani Masihi'ii miti, garuu hidhaanuma kophee isaatuu hiiku'uuf ka hin geenne, ana duubaan ka bira'aa ni dhufa ni jedha ture. «Isin fiixaa Abrahaamii irraa ka dhalattan obboleeyyan keennaa fi isini'llee Waaqa ka sodaattan ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne! Dubbiin fayyinnaa kun ka ergame nu'uuf. Namoonni Yerusaalemiin jiraatanii fi itti gaafatamoonni isaanii'llee Yesus Fayyisaa ta'uu isaa hin beekinne, Sanbbattanitti'llee ka dubbifaman kitaabban nabiyyootaa hubachuu dhabuu isaaniitiin'llee, isa irratti yeroo murteessantti akka raaginni raawwatamaa ta'u taasisanii jiran. Yoma waan du'aan isa gayu itti argachuu dhabaatan'llee, inni akka isaaniif ajjeefamu, Philaaxosiin ni kadhatan. Waayee isaatiif waan barreeffame maraa isa irratti eega raawwataniin duubatti, fannoo irraa buusanii ni awwaalaniin, Garuu Waaqinni du'aa isa ni kaaseen. Galiila'aa gara Yerusaaleemii isaan woliin worra dhufanitti'llee guyyaa baayi'ee isaatti ni muldhate, isaan'llee amma ummata duratti ragoota isaati. Nu'llee isiniif qabnnee ka dhufinne, Waaqinni abbootii keennaaf abddi'iin ka kenne, dubbii Gammachu'uuti. Waaqinni Yesusiin du'aa kaasuu isaatiin abddima kana nu'u ijoollee isaaniitiif raawwatee jira, kun'llee faarffannaa lammaffaa irratti, ‹Ati Ilma kiyya, ani adha si uumadhee jira!› jedhamee, akkuma barreeffametti. Shamuun akka isa irra hin geennee fi Waaqinni'llee du'aa akka isa kaaseen hubachiisu'uuf, Qulqulluun eebbifama amaname, Daawiitiif ka kenname abddii kenname isiniif ni kenna jedhee dubbatee, dabalee'llee faarffannaa bira'aatiin, ‹Ilmi kee Qulqulluun shamuun akka isa irra gayu hin taasfttu› jedha. Garuu Daawiiti bara jireenna isaa titti tajaajila isaa akka fedhii Waaqaa titti eega raawwateen duubatti du'ee jira, abbootii isaa woliin'llee awwaalamee jira, shamuun'llee isa irra gayee jira. Ka Waaqinni du'aa kaaseen garuu shamiinssi isa irra hin geenne. Eegaa yaa obboleeyyan kiyya! Dhiifamnni cubbu'uu ka argamu Yesusiin ta'uun akka isiniif lallabame beekaa, ka isatti amanu marinuu Seerri karaa Muse'eetiin kennameef, cubbuu bilisa irraa isa baasuu hin danda'aminne mara irraayyuu, bilisa ni baya. Kanaaf ka nabiyyootaan akkana jedhamee dubbatame, akka isin irra hin geenneef ufi eeggadhaa, ‹Isin worri balditan laalaa! Maalalaa! Badaa'llee! naminni kum'llee isinitti yoo odeesse, bara keessantti hujii isin hin amanne, ni hojjadha!› » Phaawulosii fi Barnaabaas bakka woligayii isaaniitii yoo bayan, waanuma kana Sanbbata dhufutti'llee irra deebi'anii akka isaanitti himaniif, namoonni isaan ni kadhatan. Yaa'iin bakka woligayi'ii yeroo bittinnaayetti, namoonni gara worri Yihudotaa baayi'ee fi namoonni baayi'een gara amantii Yihudotaa galanii Waaqaaf sagadanii, Phaawulosii fi Barnaabaasiin ni horddofan, Phaawulosii fi Barnaabaas'llee namoota barsiisu'uun, kennaa bilisaa ka Waaqaatiin jabaatanii akka jiraataniif isaan ni yaadachiisan. Sanbbata itti aanutti jiraattota magaala'aa keessaa baayi'eewwan isaanii dubbii Waaqaa dhagayu'uuf wol ni gayan, Yihudonni baayi'inna ummata yeroo argganitti hinaaffa'aan ni guuttaman, haasaya isaa'llee mormma'aa Phaawulosiin ni arrabsaniin. Phaawulosii fi Barnaabaas garuu akkana jechu'uun uggiinssaan ni dubbatan, «Dubbiin Waaqaa durssee isinitti dubbatamuun isaa barbaachisa'a, isin ufitti hin fudhannu yoo jettanii fi jireenni bara baraa akka isiniin hin malle mataa keessantti yoo murteessitan garuu kunnoo, nu'u deebinee gara ummata Waaqa dhugaa titti hin amannee ni deemnna. Kana'llee ka raawwanuuf Gooftaan, ‹fayyinna haga daangaa arddi'ii titti akka fidu'uuf, ummata Waaqa dhugaa titti hin amanneef ifa si taasisee jira› jechu'uun, waan nu ajajeef.» Ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee kana yeroo dhagayanitti ni gammadan, dubbii Goofta'aa'llee ni kabajan, jireenna bara baraatiif worri filataman marri'llee ni amanan. Dubbiin Goofta'aa'llee biyya san mara keessatti ni babaldhate. Durssitoonni Yihudotaa garuu horddofttoota amantii Yihudotaa ka ta'an, dubarttoota dureeyyi'ii fi namoota ol aanttota magaala'aa ka ta'an gurmmeessanii Phaawulosii fi Barnaabaasiin irratti ari'ataminni akka ka'u ni taasisan, biyya isaaniitii'llee isaan ni baasan. Phaawulosii fi Barnaabaas'llee isaan irratti awaara miila isaanii hargufatanii, gara biyya Iqooniyoonii ni deeman. Barattoonni'llee gammachuu fi Hafuura Qulqullu'uun ni guuttaman. Iqoniiyumtti Phaawulosii fi Barnaabaas woliin gara bakka woligayii Yihudotaa ni aseenan, achi'llee Yihudota baayi'ee fi ummata Waaqa dugaa titti hin amanne keessaa'llee, namoonni haalaan baayi'ee haga amananitti ni barsiisan. Yihudonni hin amanan garuu ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne kakaasanii, obboleeyyan irratti jibbiinssi akka uumamu ni taasisan. Kanaaf Phaawulosii fi Barnaabaas waayee Goofta'aa uggiinssaan dubbata'aa yeroo baayi'eef achi ni turan, Gooftaan'llee baasaa fi maalalee harka isaanii titti akka taasisaniif aangoo isaanii kennu'uun, dubbiin isaa ka kennaa bilisaa dhugaalessa ta'uu, ni mirkaneessa ture. Jiraattonni magaala'aa garuu, bakka lamatti qoodamanii wolakkaan Yihudotaan woliin, wolakkaan ammoo ergamittootaan woliin ni ta'an. Ummanni Waaqa dhugaa titti hin amannee fi Yihudonni itti gaafatamoota isaanii woliin ta'anii Phaawulosii fi Barnaabaasiin, akka malee taasfamuu fi dhaga'aan isaa woqaru'uuf ni barbaadan, Phaawulosii fi Barnaabaas yeroo kana beekanitti, Lisxiraa fi Darbee gara ta jedhamttuu gara magaalota Liqaaonya'aatii fi gara biyya naannoo isaanii jiranii dheessanii ni deeman. Achitti'llee Wongeela ni lallaban. Lisxira'atti nama miilli isaa laamshaye tokkotu ture, naminni kun yeroo dhalatee jala qabee laamshoo waan tureef miila isaatiin deemee hin beeku. Naminni kun Phaawulos yoo dubbatutti taa'ee ni dhageeffata ture, Phaawulos'llee namicha guutatee laaleeti, amantii fayyu'uun isa gayu akka qabu yeroo argetti, «Qajeelii miila keetiin dhaabadhu!» jechu'uun qooniqqa ol aana'aan ni dubbate, namichi'llee ol ka'eeti tarkaanffachuu jala ni qabe. Namoonni'llee Phaawulos waan raawwate yeroo arganitti qooniqqa isaanii ol fudhatanii, «Waaqoleen harkaan hojjataman bifa namaatiin ta'anii, gara keenna bu'anii jiran!» jechu'uun, afaan worra Liqaaonya'aatiin ni dubbatan. Barnaabaasiin'llee «Diyaa» ni jedhaniin, dubbataan ijoon Phaawulosiin waan tureef isaan, «Hermeen» jedhaniin. Magaala'aan ala ka jiru qeesichi mana waaqeffannaa diya'aa, korommi'ii fi korbboo abaabootaa gara balbala magaala'aa fidee, ummataan woliin hirmmaachu'uun galmma Phaawulosii fi Barnaabaasii, kitimaa dhiyeessu'uufii ni barbaadde. Ergamittoonni, Phaawulosii fi Barnaabaas garuu kana yeroo dhagayanitti, gaddan uffata isaanii ni tarssaasan, gara ummataa fiiganiiti iyya'aa akkana ni jedhan, «Isin namoota nana maali'iif kana raawwattan? nu'llee akkuma keessan bee namootaa, nu'u asi ka dhufnneef isin waan tasa kana mara irraa fagaattanii, sami'ii fi arddii, garba ciisa'aa fi wonittoota isaan keessatti argaman mara gara ka uumee, gara Waaqa jiraata'aa akka deebitaniif, oduu Gammachu'uu isinitti himu'uuf, baroota dabrrantti ummatoonni marrinuu karaa mataa isaaniitiin akka deemaniif, Waaqinni isaan dhiisee jira, haa ta'u malee inni Waaqa arjjaa attamii jiru ta'uu isaa ragaa ka bayu hujii mishaa raawwachuu isaa addaan hin kunne, sami'ii rooba isinii ni roobsise, ji'oota calla'aa'llee isinii ni kenne, nyaataa fi gammachu'uun onnee keessan isaanii ni gammachiise.» Ergamittoonni yoma haga kana dubbatan'llee ummanni isaaniif kitimaa akka hin dhiyeessineef ka dhiisisan, rakkinna baayi'een. Yihudonni garuu Anxokiyaa fi Iqoniiyumii garas dhufanii ummata kakasaniiti, Phaawulosiin dhaga'aan akka woqaraniin ni raawwatan, waan du'e isaanitti fakkaatee'llee harkisanii magaala'aa ni baasaniin. Garuu barattoonni dhufanii naannaya isaa yeroo dhaabatanitti, Phaawulos ka'ee gara magaala'aa ni gale, guyyaa itti aanutti'llee Barnaabaasiin woliin gara Darbe'ee ni deeme. Phaawulosii fi Barnaabaas Darbee wongeela barsiisanii namoota baayi'ee amanttoota eega taasisaniin duubatti, Lisxiraa fi Iqoniiyumiin dabrranii, gara Anxokiyaa Phisidiyaa argamttuu ni deeman. Biyyoota sanniin mara keessattuu amanttoonni amantii isaaniitiin akka jajabaatan jajabeessuu fi gorssaan, «Gara Mootummaa Waaqaa titti galu'uuf rakkinna baayi'ee fudhachuu qabnna» jedha'aa isaan ni barsiisan. Woldaya amanti'ii titti'llee jaarssota isaaniif ni muudan, eega soomanii fi kadhataniin dubatti'llee, Gooftaa itti amananiiti yaboo isaan ni kennan. Phisidiyaan'llee dabrranii gara Phamfiliyaa ni dhufan, Phergeemtti'llee dubbii Waaqaa eega barsiisaniin duubatti, gara Ataaliyaa ni deeman, achitti'llee waayee hujii raawwatanii gara kennaa Waaqaa ka bilisaa ka yaboo itti kennamanii, gara Anxokiya'aa dooni'iin ni deeman. Achii'llee yeroo gayanitti worra amanttootaa bakka tokkotti wolitti qabanii, waan Waaqinni isaan woliin ta'ee raawwate maraa fi ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee akka amananiif, attami taasisee balballi akka isaaniif bane isaanitti ni himan. Achitti'llee amanttoota woliin yeroo baayi'eef ni turan. Namoonni tokko tokko Yihuda'aa gara Anxokiyaa deemanii, «Akkaataa Seera Muse'ee kennameetiin yoo hin gadoomin fayyu'uuf hin dandeettan» jedha'aa amanttoota barsiisuu jala ni qaban. Phaawulosii fi Barnaabaas waayee kanaa namootaan woliin didaa fi wol mormmii ni raawwatan, kanaan duubatti Phaawulosii fi Barnaabaas Anxokiyaa worra jiran obboleeyyan bira'aa muraasa woliin ta'anii, gara Yerusaalemii akka deemanii fi dhimmicha ergamittootaa fi jarsoti'itti akka dhiyeessaniif ni murttaaye. Kanaaf isaan woldaya amanti'iitiin ergamanii ni deeman, Finiiqe'ee fi Samaariya'aan yoo dabrrantti'llee, waayee gara Waaqaa deebi'uu ummata Waaqa dhugaa titti hin amannee ni dubbatan, odduun kun'llee kirstaanota maraa ni gamaachiise. Gara Yerusaalemii yeroo gayanitti woldeenni amanti'iitii fi ergamittoonni, jaarsotiin'llee isaan ni simatan, ergamittoonni'llee waan Waaqinni isaan woliin ta'ee isaaniif raawwate mara isaanitti ni odeessan. Garuu gara worra Fariisotaatii ka ta'an tokko tokko ka'aniiti, «Ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne akka gadoomanii fi Seera Muse'ee'llee akka eegan taasisuun ni mala» jedhan. Ergamittoonnii fi jaarsotiin'llee dhimma kana qorachu'uuf wol ni gayan, mormmiin baayi'een eega raawwatameen duubatti'llee Phexiros ka'ee akkana isaaniin ni jedhe, «Yaa obboleeyyan! Ummata Waaqa dhugaa titti hin amannee karaa kiyyaan dubbii Wongeelaa dhagayanii gonkumaa asiin durana Waaqinni ana Waaqinni isin jiddu'uu akka ana filate ni beekittan. Waaqinni onnee namaa beeku, haaluma Hafuura Qulqulluu nu'uuf kenneetiin, isaaniif'llee kennu'uun isaaniif ragaa ni baye. Onnee isaanii amanti'iin waan qulqulleesseef nu'uu fi isaan jiddu'utti, garaagarummaa woyiituu hin taasfnne. Eegaa abbootii keenna ta'ee nu'u waanijjoo baadhachuu hin danda'in gurmmuu amanttoota irratti fe'uun, maali'iif amma Waaqa qormmattaniin? Nu'llee ka fayyinnu akkuma isaanii san, kennaa bilisaa ka Gooftaa Yesusiitiin ta'uu isaa ni amana.» Yeroo sanitti yaa'iin marri caldhisee Barnabaasii fi Phaawulos karaa isaaniitiin, Waaqinni Ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne jiddu'utti ka raawwate baasaa fi maalalee mara, yoo dubbatan maalalffatan isaa ni dhageeffate. Isaan dubbatanii eegaa geessaniin duubatti, Yaaqoob akkana jechu'uun ni deebise, «Yaa obboleeyyan! Mee ana dhageeffadhaa! Waaqinni ummata maqaa isaatiin waamu tokko jidduu isaaniitii filachu'uuf yeroo jalqabaa, ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne attamitti akka isaan toowate, Simoon hubachiisee jira. Yaada kana woliin'llee dubbiin nabiyyootaa wolii ni gala, kun'llee akkana jedhamee ka barreeffame, ‹Kanaan duubatti ni deebi'a, Mana Daawiitii ka jige'llee ni ijaara, ka diigame'llee supphee deebisee ni dhaaba, Kana'llee ka raawwadhuuf namoota hafanii fi ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne ka maqaa kiyyaan waamaman marrinuu ana Waaqa akka barbaadaniif, Duri irraa jalqabee kana maraa ka beekisise› ani Waaqinni akkana ni jedha.» «Kanaaf yaanni kiyya worra gara Waaqaa deebi'an, Ummata Waaqa dhugaa hin beekinne akka nu'u isaan hin rakkifnneef. Kana irra ‹sababaa waayee Waaqa harkaan hojjatameef qalamu'uutiin nyaata battaaye hin nyaatnaa, sagaagala irraa fagaadhaa, uduu hin qalaminii fi dhiiginni isaa'llee uduu hin jigin hudhamee ka du'e foon horii du'ee hin nyaatnaa, dhiiga'llee hin nyaatnaa!› jennee isinii ni barreessina. Durima irraayyuu jalaqabee seerri Muse'ee Sanbbata marattuu bakka wolgayiiwwan isaanii titti ni dubbifama ture, dubbiin Waaqaa'llee magaalaa marattuu ni lallabama.» Kanaan duubatti ergamittoonnii fi jaarsotiin namoota woldayaa amanti'ii mara woliin ta'anii, yaa'ii jiddu'uu namoota muraasa filanii Phaawulosii fi Barnaabaasiin woliin gara Anxokiya'aa ergu'uuf ni murteessan, kanaaf obboleeyyan jiddu'utti hooganttumma'aan maqaa mishaa ni qaban worra turan, Barnaabaas ka jedhame Yihuda'aa fi Siilaasiin ni filatan. Xalayaa barreeffame'llee harka isaanii titti ni ergan, xalayaan'llee akkana ka jedhu ture, «Nu'u ergamittoonninii fi jaarsotiin obboleeyyan keessan taane, Anxokiya'aa fi Sooriya'atti, Kiliiqiyaa'llee worra jiraatan gosa Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee obboleeyyan keenna worra taataniif, nagaya ni dhiyeessina, Nu'u keessaa namoonni tokko tokko uduu nu'u isaan hin ajajin gara keessan dhufanii, dubbii isinitti himaniin akka isin hin rakkisanii fi dubbii isinitti bitaa akka taasisan dhageennee jirra, kanaaf bakka tokkotti yoo woligeenneen duubatti ergamoota filannee, obboleeyyan keenna jaalatamoota Barnaabaasii fi Phaawulosiin woliin, gara keessan isaan ergu'uuf wolii ni galle. Barnaabaasii fi Phaawulos waayee Gooftaa keenna Yesus Kristositiif, lubbuu isaanii dabarssanii ka kennan. Ka isiniif barreesine afaaniin'llee dabalataan isi'itti akka himaniif, Yihudaa fi Siilaasiin erginee jirra. Kanniin ka itti aanaan wonittoota barbaachisaa ta'an malee, ka biraa ba'aa ulffaataa isinitti akka hin fe'in, Hafuurri Qulqullu'uu fi nu'llee waan mishaa ta'ee argannee jirra, sababaa waaqota harkaan hojjatameetiif qalamu'uutiin nyaata battaaye hin nyaatnaa, dhiiga'llee hin nyaatnaa, foon horii hudhamee du'ee'llee hin nyaatnaa, dhiiga'llee hin nyaatnaa, sagaagala irraa fagaadhaa, wonittoota kanniin mara irraayyuu yoo eeggamittan mishaa ni raawwattan, nagayaan ta'aa.» Ergamittoonni'llee nagaya dhaamanii gara Anxokiya'aa ni deeman, amantoota'llee wolitti qabanii xalayaa itti ni kennan. Amantoonni'llee xalayaa yeroo dubbisanitti, ergaa jajabeessuun haalaan ni gammadan. Yihuda'aa fi Siilaas nabiyyoota waan turaniif obboleeyyan jecha baayi'een gorissanii isaan ni jajabeessan, isaan akka obissan ni taasisan. Yihudaa fi Siilaas guyyaa muraasa achitti eega turaniin duubatti, obboleeyyan amanttootatti nagaya dhaamanii, gara worra isaan erganii deebi'anii ni deeman. [Siilaas garuu achumatti hafu'uuf ni barbaade.] Phaawulosii fi Barnaabaas'llee kaanniin amanttootaa baayi'ee woliin ta'anii, dubbii Goofta'aa barsiisaatii fi lallaba'aa, guyyoota muraasaaf Axokiyaatti ni turan. Guyyoota muraasaan duubatti Phaawulos Barnaabaasiin, «Koottu deebineeti magaalota asiin durana dubbii Gooftaa itti lallabnne mara obboleeyyan jiran haa toowannuu, attam akka ta'e'llee haa beekinnuu» jedheen. Barnaabaas'llee Maarqoos ka jedhame Yohaannis, isaaniin woliin akka deemu ni barbaade. Phaawulos garuu naminni kun isaaniin woliin akka deemu hin eeyyamnne, waayeen eeyyamuu dhabeef'llee inni Phamfiliyaatti isaan biraa fooyamee waan hafee fi gara huji'ii'llee isaan woliin waan hin deeminiif. Waayee kanaan Phaawulosii fi Barnaabaasiin jiddu'utti wol mormmiin ol aanaan ka'eeti gargar ni fooyaman, kanaaf Barnaabaas Maarqoosiin fudhatee dooni'iin gara Qophrosii ni deeme. Phaawulos garuu Siilaasiin ni filate, obboleeyyan'llee Phaawulosiin kennaa Gooftaa ka bilisaa titti yaboo eega kennaniiniin duubatti ni deeme. Inni'llee woldayoota amantootaa jajabeessa'aa, karaa Sooriyaatii fi Kiliiqiya'aatiin ni dabrre. Phaawulos gara Darbee fi Lisxiraa ni deeme, Lisxiraa'llee nama Ximotewos jedhamu amanaa tokkotu jiraata ture, haati isaa'llee Kristaana Yihudittii turtte, abbaan garuu Giriikicha hin amanne ture. Ximotewos obboleeyyan Lisxiraa fi Iqoniiyumiin jiran biratti, maqaa mishaa qaba ture. Phaawulos'llee Ximotewosiin fudhatee deemuu waan barbaadeef karaa Yihudota bakka san ni jiran turaniitiin akka gadoomu ni taasisan, kana'llee ka raawwate inni abbaan Ximotewosii Giriikicha ta'uu isaa ni beekan waan tureef, waayee isaatiif jedhaniiti. Phaawulosii fi Siilaas magaalaa mara keessan yoo dabrran, ergamittoota Yerusaalemiin jiranii fi jaarsoti'iin danbbii murttaaye amantootatti ni beekisisan turan, hujii irra akka oolichaniif'llee isaan ni yaadachiisan ture. Kanaaf woldayoonni amanitiin ni jabaatan, laakkofssi isaanii'llee guyyama guyyaan, dabalaa ni deema ture. Phaawulos fi Siilaas Isiya'atti dubbii Waaqaa akka hin dubbanneef Hafuurri Qulqulluun waan isaan dhoogeef, biyya Firigiyaa fi Galaatiyaa, dabrranii ni deeman. Gara daangaa biyya Misiyaa yeroo gayanitti, gara biyya Bitaaniyaa deemuuf yaadanii turan, garuu Hafuurri Yesusii garasi akka deemaniif isaanii hin eeyyamnne. Kanaaf karaa Miisiya'aatiin dabrranii, gara Xro'aasiitiin ni deeman. Achi'llee Halkaniin naminni Maqedooniya tokko dhaabatee, «Gara Maqedooniyaa ce'iitii nu gargaari!» jedhaa yoo isa kadhatu, Phaawulos muldhataan ni arge. Phaawulos muldhata kana eega argeen duubatti, bakkumatti gara Maqedooniyaa deemuuf ni barbaanne, kun'llee ka ta'eef namoota Maqedooniyaa tiif'llee, wongeela akka barsiifnnuuf, Gooftaan akka nu waame waan hubanneef. Xro'aas doonii yaabannee qajeelumaan gara Samotraaqee ni deemnne, guyyaa itti aanutti'llee gara Naaphulee ni deemnne. Achii'llee kaanee gara Filiphisiiyuus ni geenne, Filiphisiiyuus magaalaa ol aanttuu Maqedooniyatti argamttuu fi biyya bittamittuu Roomaa turtte, magaalaa tanatti'llee guyyaa muraasa ni dabarsine. Bakka guyyaa Sanbbataa kadhanna'aaf itti wolgayan ture gara bakka magaalaa keessaa bayinsa titti argamu gara laga biraa deeminnee, achi'llee ni teennee dubarttoota wolgayan' dubbii Waaqaa ni barssiifnne. Dubarttoota nu dhageeffatan turan keessaa'llee takka, dhalattuu magaalaa Tiyaaxiroon ka taate, daldalttuu uffata diimaa, dubarttii Liidiyaa jedhamttu takka ni turtte, Isiin'llee dubarttii Waaqaaf sagaddu ni turtte, Gooftaan'llee onnee waan isii baneef, waan Phaawulos dubbatu ni dhageeffatti ture, isi'ii fi namoonni mana isii jiran marrinuu eega cuuphamaniin duubatti, «Goofta'aatti ka amane ta'uu kiyya eega naa mirkaneessitan, gara mana kiyyaa koota'aatii taa'aa» jechuun, cimssitee isaan ni kadhatte. Guyyaa tokko gara bakka waaqeffanna'aa yoo deemnnu dubarttiin tajaajilttuun hafuurri battiin irra bule ka waan ufi durana ta'u dubbachiisuun takka, karaa irratti nu ni argatte, dubarttiin tun'llee raaga isi'ii ka falfalaatiin worra isii bulchaniif bu'aa baayi'ee isaanii ni argamissiiftti ture. Isiin'llee Phaawulosii fi nu'llee horddofaa, «Namoonni kunniin tajaajiltoota Waaqa jiraata'aati! Isaan'llee waayee karaa fayyinnaa, isinitti ni himan!» jechuun ni iyyiti ture. Kana'llee guyyaa baay'ee irra dedeebi'aa ni raawwatti ture, Phaawulos garuu dallaneet ufi irra garagalee hafuura battiin, «Maqaa Yesus Kristositiin isii keessaa akka baatuuf si ajaja!» jedhe. Hafuurri battiin'llee bakkumatti ni baye. Bulchitoonni isii abddii faayidaa ittiin argatan akka isaan jalaa addaan cite yeroo arganitti, Phaawulosii fi Siilaasiin ni qaban, harkisaa'llee gara bakka yaa'ii'ii isaan fidaniiti, muudamttoota duranatti isaan ni dhiyeessan. Gara aangoo qabeeyyii worra Roomaa'llee isaan fidaniiti akkana ni jedhan, «Namoonni kunniin worra Yihudotaati, magaalaa keennatti'llee jeeqama ni kaasan, nu'u lammiiwwan Roomaa fudhachuuf yookiin raawwatamu'uuf waan hin eeyyamin, naamusa ni barsiisan.» Ummanni marrinuu wolii galanii isaan irratti ni ka'e. Namoonni aangoo qaban'llee, uffata Phaawulosii fi Siilaasiin irraa mulqanii, uleen akka dhaanaman ni ajajan. Baay'ee eega isaan dhaananiin duubatti'llee, gara mana hidhaa isaan ni galchan, wordiyyaan mana hidhaa'llee ciminnaan akka isaan eeguuf ni ajajame. Wordiyyichi'llee ajaja kana eega fudhateen duubatti, gara kutaa mana hidhaa keessa isaan ni aseensise, miila isaanii'llee gudeelchaa fi gudeelcha jidduu aseensisee isaan ni hidhe. Gara halkan qixxee titti, Phaawulosii fi Siilaas kadhannaa fi faarssaan Waaqa ni galateeffatan ture, hidhamttoonni kuunniin'llee, isaan ni dhageeffatan ture. Dimmaa hunddeen mana hidhaa haga socho'utti sochiin arddi'ii ol aanaan ni ta'e, balballan mana hidha'aa marrinuu yeroma tokkoon ni banaman, birbiraanni hidhamttoota tokko tokkootuu harka isaanii irraa ni hiikkame. Woriddiyyichi'llee hirriba isaatii dammaqee, balballan mana hidhaa banamanii yeroo argetti, hidhamttoonni waan jalaa badan itti fakkaatee, ufi ajjeesuuf billaya ni luqqifate. Phaawulos garuu, «Marri keennaa asi ni jirra! Kanaaf mataa kee irra miidhaa hin geessin!» jechuun, qonqqa ol aanttu'uun ni iyye. Yeroo kana woriddiyyichi ibisaa fichisiisee, fiigaa gara keessaa ni aseene, hollataa'llee, miila Phaawulosii fi Siilaasii jalatti, kallachaan ni jige. Gara alaa'llee isaan baaseeti, «Yaa goofttota kiyya! Fayyuuf maal raawwachuu ana barbaachisa?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Gooftaa Yesusitti amani, ni fayyita, maatiin kee'llee ni fayyan» isaan jedhan. Dubbii Gooftaan'llee isaa fi worra mana isaa jiran maratti'llee ni dubbatan. Saa'aatima sanitti halkaniin wordiyyichi mana hidha'aa isaan fuudhateeti madaa isaanii ni miiceef, bakkumatti isaa fi maatiin isaa marrinuu ni cuuphaman. Kanaan duubatti Phaawulosii fi Siilaasiin gara mana isaa isaan fudhatee, nyaata isaanii ni dhiyeesse, Waaqatti'llee waan amaneef, maatii isaa mara woliin ni gammade. Yeroo bari'etti'llee namoonni worra Yihudotaa ka aangoo qaban, «Namoonni sunniin gad haa dhiifaman» jedhanii, poolisota ni ergan. Wordiyyaan mana hidha'aa'llee, «Isin akka gad dhiifamittaniif namoonni aangoo qaban nama erganii jiraniitii, eegaa bayaa'aatii nagayaan deemaa» jechuun, Phaawulostti ni dubbate. Phaawulos garuu, «Nu'u lammiiwwan Roomaa uduu taanu, murtii malee yaa'itti dhaananii, gara mana hidhaa nu galchanii jiran. Amma ammoo mana hidhaatii dhossaan akka baanu ni taasisan? Hin ta'u! Isaan mataan isaanii dhufanii nu haa baasan!» jechuun ni deebise. Poolisonni'llee waan kana namoota aangoo qabanitti ni dubbatan, kanaaf worri aangoo qaban sunniin'llee, Phaawulosii fi Siilaas lammiiwwan biyya Roomaa ta'uu isaanii yeroo beekanitti, ni sodaatan. Kanaaf dhufanii dhiifama isaan gaafataniiti, mana hidhaatii isaan ni baasan, magaalaa'llee akka deemaniif isaan ni kadhatan. Phaawulosii fi Siilaas'llee mana hidhaatii bayanii, gara mana Liidiyaa ni galan, achitti'llee obboleeyyan argatanii, isaan jajabeessanii magaalattii dhiisanii ni deeman. Phaawulosii fi Siilaas Amfiipholiisii fi Apholonyaan dabrranii, gara Tasaloonqee ni deeman, achi'llee bakka wolgayii Yihudotaatitu jira. Phaawulos'llee akkuma barate gara bakka wolgayii isaanii ni aseene, Sanbbattan sadihiif'llee wolitti aanssee, kitaabban Qulqulluu keessaa tuqa'aa, ummata ni hubachiisa ture. Masihichi rakkinna fudhachu'uu fi du'aa ka'uun akka isaan malu ibisee hubachiisa'aa, «Kun ka ani isiif lallabu Yesusii Masihicha» ni jedha ture. Kanaaf isaan keessa tokko tokko dubbii hubatanii, Phaawulosii fi Siilaasiin woliin ni hirmmaatan, akkuma kana Ummanni Waaqa dhugaa titti amanan haalaan baay'een, dubarttoonni baay'een magaalatti beekkaman, dubbii hubatanii ni hirmmaatan. Yihudonni garuu hinaafanii huji dhabeeyyii karaa irraa wolitti qabanii ni gurmmeessan. Phaawulosii fi Siilaasiin baasanii ummatatti kennuuf'llee, mana Yaasonii ni marssan. Garuu yeroo isaan dhabanitti, Yaasonii fi amanttoota tokko tokko namoota aangoo qaban ka magaala'aa titti dhiyeessuuf, isaan harkisanii ni fidan, akkana'llee jedhaa ni iyyan ture, «Kunniin namoota biyya lafaa mara jeeqan amma ammoo garana dhufanii jiran! Yaason'llee isaan ufitti fudhatee jira, ‹Yesus ka jedhamu nugufnni biraa ni jira› jedhaa'llee ajaja nugusa Roomaa, ni mormman.» Ummataa fi namoonni magaala'aa ka aangoo qaban, kana yeroo dhagayanitti ni jeeqaman. Yaasonii fi kaanniinii'llee wobii waamsisanii, gad ni dhiisan. Obboleeyyan dadafaan Phaawulosii fi Siilaasiin halkaniin, gara biyya Beeriyaa akka deeman ni taasise, achi'llee yeroo gayanitti, gara bakka wolgayii Yihudotaa ni aseenan. Yihudonni Beeriyaa jiran worra Tasaloonqee jiran irra, ilalcha qajeelaa ka qaban waan turaniif, dubbii gammachuu ol aanaan ni fudhatan, dhugummaa dubbii'llee mirkaneessuuf, guyyama guyyaan kitaabban Qulqulluu'llee ni qoratan ture. Kanaaf isaan keessaa baay'eewwan ni amanan, dubarttoonni dureeyyiin baay'eewwanii fi Giriikonni dhiiraa baay'eewwan'llee, ni amanan. Garuu Yihudonni Tasaloonqee jiran, Phaawulos Beeriyatti, dubbii Waaqaa akka lallabe yeroo beekanitti, dhagayanitti garasi dhufanii, ummata gurmmeessanii, jeeqama ni kaasan. Yeroo kana obboleeyyan gara maddii garba ciisaa akka deemu ni taasisan, Siilaasii fi Ximotewos garuu achuma, Beeriyatti ni hafan. Namoonni Phaawulosiin geegessan haga Ateenaa ni geessaniin, «Siilaasii fi Ximotewos dadafaan gara kiyya haa naa dhufan» ajaja jedhu ka Phaawulos, qabatanii gara Beeriyaa ni deebi'an. Phaawulos Ateenaa taa'ee Siilaasii fi Ximotewosiin uduu eegaa jiru, magaalattii keessa waaqoleen harkaan hojjatamaniin guutuu yeroo argetti, hafuura isaatiin haalaan ni aare. Kanaaf bakka wolgayii titti Yihudotaa fi ummata Waaqa'llee Waaqeffataniin woliin, yaa'itti guyyamaan namoota argatuun woliin, wol ni morma ture. Ehequriyos fi Istoyikos falaasamoonni jedhaman'llee, gara isaa dhufa'aa, isaan wol ni mormmaniin turan. Tokko tokko, «Kun odeessan maal jechuu barbaada?» yoo jedhan, kuunniin ammoo, «Waayee waaqolee haarawwanii waan dubbatu fakkaata» jedhan ture, Kana'llee ka jedhaniif, waan Phaawulos odduu mishaa du'aa ka'a Yesusii lallabeef. Kanaaf Phaawulosiin qabanii bakka Aariyophaagos jedhamutti, gara yaa'ii wol gayuu fidhaniiti, akkana jedhaniin, «Barsiifnni ati barsiifttu haarofnni kun, maal akka ta'e beeku'uuf ni dandeenna ree? Waan haarawa tokko tokko nu dhageesifttee jirta, kanaaf wonittoonni kunniin maal akka ta'an, beekuuf ni barbaanna.» Kana ka jedhaniif, namoonni Ateenaatii fi namoonni Ateenaa jiraatan ka biyya alaa, namoonni marri waan haarawa dubbachuu fi dhagayuu qofaan, yeroo isaanii dabarssuu ni jaalatan waan tureef. Yeroo kanatti Phaawulos yaa'ii Aariyophaagostti wol gaye durana dhabateeti, akkana ni jedhe, «Yaa namoota Ateenaa! Gara maraanuu haalaan amantii ka qabddan ta'oo keessan hubadhee jira, magaalaa teessan keessa asii fi achi naanaya'a bakkeewwan waaqeffannaa keessan yoo laalu, ‹Waaqaa hin beekkamnneef› jedhamee ka itti barreeffame, bakka furddaa ni argadhe, eegaa ani amma ka isinitti himu kana uduu hin beekin waayee Waaqa isa waaqeffattaniit. Inni biyya lafaatii fi biyya lafaa irra ka jiru mara ka uume, Gooftaa sami'ii fi arddi'iit'lle'e, Inni mana waaqeffanna'aa ka harka namaatiin ijaarame keessa hin jiraatu. Lubbu'uu fi hafuurri, wonittoota kaanniin'llee nama maraaf ka kennu isa waan ta'eef, womaayyuu isatti hin hanqatuun, gargaarssa namaa'llee isa hin barbaachisuun. Inni fiixaa ilma namaa maraa nama tokko irraa ka uume, biyya lafaa mara irra akka jiraatan'llee ni taasise, baroota murtaayanii fi bakka jiraatan'llee, isaaniif ni ramade. Kana'llee wonitti raawwateef namoonni Gooftaa akka barbaadanii fi qorachuun'llee barbaadanii, isa arggachu'uuf akka dandda'aniif, ta'u'llee inni nu'u, tokko tokkoo keenna irraa, fago'o jechuu miti. ‹Jireenna ka arggannuu fi ka sosochoonuun, ka jiraannuun'llee isaan› kun'llee weedifttoota keessan, ‹Nu marri keennaa ijoollee isaati› akkuma jedhan. Eegaa nu'u ijoollee isaa eega taane, ‹Waaqinni ogumma'aa fi yaada namaatiin worqqii irraa yookiin meeta, yookiin bocaa dhagaa irraa ka hojjatame ni fakkaata› jennee yaaduun, nurraa hin malu. Eegaa namoonni bara duraanii beekuu dhabaan waan raawwate, Waaqinni caldhisee irra dabrre jira, amma garuu namoonni biyya maraa jiran marrinuu, dhiifamaan gara Waaqaa akka deebi'an ajajee jira, karaa nama inni filateetiin biyya lafaa mara irratti dhuga'aan guyyaa itti murtteessu muree jira, kana'llee maraafuu ka mirkkaneesse nama filate san du'aa kaasuu isaatiin.» «Du'aa ka'uun» jecha jedhu yeroo dhagayanitti, tokko tokko itti ni baldan, kuunniin garuu, «Waayee kana yoo dubbatu yeroo ni dhageenna» jedhaniin. Kanaan duubatti Phaawulos yaa'ii bayee ni deeme, namoonni tokko tokko garuu isa woliin hirmmaataniiti ni amanan, Phaawulosiin woliin hirmaatanii ni amanan, namoota amanan jidduu'llee misseenssa yaa'ii ka ta'an, naminni Diiyonaasyoos jedhamee fi dubarttiin Damaaris jedhamtte takkaa fi kuunniin'llee isaan keessatti ni arggaman. Kanaan duubatti Phaawulos Ateenaa ka'ee, gara Qorontoosii ni deeme, Achitti'llee dhalataa biyya Phonxosii ka ta'e, Aqiilaa ka jedhamu nama Yihudicha tokko ni argate, nugufnni Roomaa Klaawudiiyos, Yihudonni marrinuu Roomaa akka bayan ajajee waan tureef, Aqiilaan hadha worraa isaa Phrisqiilaa woliin, yoma san Ixaaliyaa dhufuu isaati ture, kanaaf Phaawulos gara isaa dhaqee isaanii wol ni barate, hujiin isaa'llee akkuma isaanii dukkaana hodhuu waan ta'eef, isaan woliin taa'ee ni hojjata ture. Sanbbataan'llee bakka wolgayii isaanii titti argama'aa, haasaya taasisu'uun Yihudotaa fi Giriikota ni hubachiisa ture. Siilaasii fi Ximotewos Maqedooniyaa yeroo dhufanitti Phaawulos, «Yesus Masihicha» jechuun, Yihudotaaf ciminnaan ragaa baya'aa barsiisu'uun, yeroo isaa mara ni dabarssa ture. Garuu Yihudonni yeroo isa mormmanii fi isa arabisanitti awwaara uffata isaa hargufatee, «Eegaa isinitti yoo murtteeffame balleessaa mataa isaaniitiin! ani itti gaafatama hin qabu, ammaa achitti gara ummata Waaqa dhugaa titti hin amannee ni deema!» isaaniin ni jedhe. Kanaaf isaan biraa fooyamee gara mana nama Tiitoos Iyosxoos jedhamu ni deeme, naminni kun'llee Waaqa ka Waaqeffatu ture, manni isaa'llee bakka woligayii bira ni ture. Kriisphos ka jedhamu itti gaafatamaa bakka wolgayii maatii isaa mara woliin Goofta'atti ni amane, namoonni Qorontoosii baay'een'llee Phaawulos yoo dubbatu dhagayanii amananii, ni cuuphaman. Gooftaan'llee halkan muldhataan Phaawulosiin akkana ni jedheen, «Hin sodaatinii, dubbadhu, hin caldhisin, ani si woliin ni jira, magaalaa kana keessaa namoota baay'ee ni qabaatii, miidhaa sirraan gayuu ka danidda'u eennu'llee hin jiru.» Kanaaf Phaawulos dubbii Waaqaa ummata barsiisaa, woggaa tokkoo fi wolakkaa achi ni ture. Gaalii'on bulichaa biyya Akaayiyaa ta'ee yeroo muudametti, Yihudonni tokkummaan hirmmaatanii Phaawulosiin irratti ni ka'an, gara mana murti'ii isa fidaniiti, «Naminni kun karaa seera mormmuun namoonni Waaqa akka Waaqeffatan ni taasisaa!» jedhan. Phaawulos deebii kennu'uuf qophaayee uduu jiru, Gaalii'on Yihudotaan akkana ni jedhe, «Isin worri Yihudotaa! Miidhaan yookiin yakki ulffaataan isin irratti raawwatamee uduu jiraatee, himannaa keessan obissaan ni dhagayya ture, Garuu waayee jechootaa fi waayee maqaawwanii, waayee seera keessaniitiif'llee ka mormmtan yoo taate, dhimma keessan, ani waan kanniin irratti murtteessu'uuf hin barbaadu.» Akkana'llee jedhee mana murtii hawaasumma'aa keessaa isaan ni baase. Yeroo kanatti marrinuu itti gaafatamaa bakka woligayi'ii Sosteneesiin qabanii, mana murtii hawaasumma'aa duranatti ni dhaananiin, kun marrinuu yoo ta'u, Gaalii'on dhimma woyiituu hin qabu ture. Phaawulos obboleeyyan woliin guyyoota baayi'eef Qorontoostti eega tureen duubatti, nagaya isaanitti dhaamee gara Sooriya'aa ni deeme, Phrisqiila'aa fi Aqiilaan'llee isaan woliin jiran turan, garuu guduuffaa qaba waan tureef uduu hin deeminiin duranatti, bakka Kinkiriyaa jedhamutti mataa isaa ni haadate. Gara Efesoon yeroo gayanitti, Phrisqiilaa fi Aqiilaa achitti isaan ni dhiisan, inni garuu gara bakka wolgayii aseenee, worra Yihudotaa Kristosiitiif haasaya ni taasisa ture. Yeroo dheeraaf'llee isaan woliin akka turuuf isa kadhatan'llee, tole isaanii hin jenne. Garuu, «Fedhii Waaqaa yoo ta'e, yeroo biraa gara keessan deebi'ee, ni dhufa» isaaniin jedhee, Efesoonii doonii yaabbatee ni deeme. Gara Qiisaariyaa'llee yeroo gayetti, achiin gara Yerusaalemii deemee namoota woldayaa Kristosiitiif nagaya eega dhiyeesseen duubatti, deebi'ee gara Anxokiyaa ni bu'e. Achitti'llee yeroo muraasaaf ni ture, kanaan duubatti Galaatiyaa fi gara biyya Firigiyaatiin, bakka tokko gara bakka biraa dedeebi'aa amanttoota ni jajabeesse. Yihudichi Ahpolos jedhame ka nama biyya Iskindriyaa ta'e tokko, gara Efesoonii ni dhufe. Inni'llee kitaabban Qulqulluu xumuree ka baratee fi nama danddeettii haasaya mishaa qabu ture. Waayee karaa Goofta'aa ka baraatee fi hafuuraan'llee ka gubate ta'ee, waayee Yesusii qajeelatti ni lallabaa fi ni barsiisa ture, haa ta'u malee inni ka beeku cuuphaa Yohaannisii qofa ture. Inni'llee bakka woligayii titti uggiinssaan, dubbachuu jala ni qabe, garuu Phrisqiilaa fi Aqiilaan yeroo isa dhagayanitti, gara mana isaanii fudhataniiniiti, waayee karaa Waaqaa waan duraanii caalaa, qajeelatti tareessanii ni ibissaniif. Apholos'llee gara biyya Akaayiyaa deemu'uuf yeroo yaadetti obboleeyyan yaada isaa ni fudhatan, obboleeyyan Akaayiyaa jiran'llee haala misha'aan akka isa simataniif, xalayaa ni barreesseef. Achi'llee yeroo gayetti, kennaa Waaqaa ka bilisaatiin amanttoota ta'uuf worra gayan, haalaan isaan ni gargaare. Yesus Masihicha ta'uu isaa dubbii kitaaba Qulqullu'uutiin isaan hubachiisa'aa, mormmii cima'aan Yihudota ni injifata ture. Apholos Qorontoos yeroo turetti, Phaawulos biyya irraatiin dabrre gara Efesoonii ni gaye, achitti'llee amanttoota muraasa argateeti, «Yeroo amantanitti Hafuura Qulqulluu fudhattanii jirttan ture moo?» jechu'uun, isaan ni gaafate. Isaan'llee, «Hin fudhanne, Hafuurri Qulqulluun jiraachuu isaatuu dhageennee hin beekinnu» jechuun, ni deebisaniif. Phaawulos'llee, «Eegaa, cuuphama attamiiti ka cuuphamttan?» isaaniin ni jedhe. Isaan'llee, «Cuuphaa Yohaannisiiti» ni jedhaniin. Phaawulos'llee akkana ni jedhe, «Cuuphaan Yohaannisii ka waayee dhiifama cubbuutiif ka raawwatame, ummatatti'llee ka himame, ‹ka ana duubaan dhufutti amanaa› ka jedhu ture, inni'llee Yesus» isaaniin ni jedhe. Kana'llee yeroo dhagayanitti, maqaa Gooftaa Yesusiitiin ni cuuphaman. Phaawulos yeroo harka isaan irra kaayetti'llee, Hafuurri Qulqulluun isaan irratti bu'eeti, afaan bira'aatiin ni dubbatan, raaga'llee dubbachuu jala ni qaban. Namoonni'llee, woliigalaan haga kudha lamaa ni gayan ture. Phaawulos'llee gara bakka wolgayii deemee haga ji'a sadihiitiif, waayee Mootummaa Waaqaatiif isaaniin wol mormmaa Kristosiitiif ummata'llee hubachiisa'aa, ugiinssaan ni barsiisa ture. Tokko tokko garuu morkkattoota ta'uun, karaa Gooftaa ummata duratti arabssaa hin amannu yeroo jedhanitti, isaan irraa ni fagaate, worra amanttootaa'llee kophatti fudhatee, galmma Xiraanosii titti guyyamaan isaan ni barsiisa ture. Phaawulos kana ka taasise haga woggaa lamaatiif, yeroo sanitti'llee Yihudonni Asiyaa jiraatanii fi Ummanni Waaqa dhugaa titti hin amannee marrinuu, dubbii Gooftaa dhagayuuf ni danda'an. Waaqinni'llee baasota maalalchiisaa ta'an, harka Phaawulosii titti ni taasisa ture. Sababa kanaan'llee qaama Phaawulosii uffanni tuqee fi subbee fudhata'aa dhukubbsattoota yoo tuqissiisan dhibee isaanii irraa ni fayyan ture, hafuurronni battiiwwan'llee isaan keessaa ni baya ture. Jinniin namoota keessaa baasa'aa bakka mara Yihudonni naanayan tokko tokko, «Phaawulos ka lallabu Maqaa Gooftaa Yesusiitiin akka baataniif, isin ni ajajinna» jechu'uun, hafuurota jinni'ii namoota keessaa baasu'uuf, ni yaalan turan. Itti gaafatamaa qeesotaa Yihudotaa ka ta'e, Ijoolleen Iskoyaasii torban'llee, akkuma kana ni raawwatan turan. Garuu, hafuurri battichi, «Yesusiin ni beekaan! Phaawulosii'llee ni beeka! haa ta'u malee isin eennu fa'a?» isaaniin ni jedhe. Nama hafuurri battiin irra bule tokko'llee utaalee hudhu'uun isaanitti ni jabaate, isaan'llee ni injifate, isaan'llee madaayaniitii fi qullaa isaanii ta'anii, manaa dheessanii ni bayan. Wonitti kun'llee Yihudota Efesooniin jiraatanii fi Ummata Waaqa dugaa titti hin amanne biratti waan dhagayameef, marrinuu ni sodaatan, maqaan Gooftaa Yesusii'llee, ol aanaa ni ta'e. Amantootaa keessa'llee baay'eewwan isaanii, hujii hamaa isaanii irraa ifatti himatanii deebi'aa, ni dhufan ture. Worri asimmaa hojjatan baay'een'llee kitaabban isaanii ka asimmaaa ittiin hojjatan wolitti qabaniin, gatiin kitaabban'llee yoo tilmaamamu, kuma shantamaa qarshii laakkayamu ta'ee, ni argame. Bifa kanaan dubbiin Gooftaa haalaan babaldhataa, injifataa, ni deema ture. Kun marri eega ta'een duubatti Phaawulos Maqedooniyaan gara Akaayiyaa dabrre, gara Yerusaalemiin deemuuf, sammuu isaa titti ni yaada, «Eega achi gayeen duubatti'llee gara Roomaa deemuu qaba» jedhe. Kanaaf namoota isa tajaajilan keessaa lamaan, Ximotewosii fi Erasxosiin gara Maqedooniyaa ergee, inni mataan isaa Asiyatti, guyyoota muraasaaf ni ture. Yeroo sanitti'llee waayee karaa Gofta'atiin Efesoonitti, jeeqamnni ol aanaan ni ka'e. Dmeexros ka jedhamu meeta tumttuun tokko ulfinna fakkeenna mana sagadaa ka Arxemiisiitiin meeta irraa hojjata'aa, worra meeta tumttoota ta'aniif bu'aa baay'ee ni argamisiisa ture. Kanaaf naminni kun tumttootaa fi worra hujii bifa isaa qaban namoota kaanniin'llee wolitti qabee, akkana isaaniin jedhe, «Namoota nana! Nu'u qabeenna ka argannu hujii kanaan akka ta'e ni beekittan, Phaawulosiin kun, ‹fakkeennonni harka namaatiin ka hojjataman waaqole'ee miti› jedha'aa Efesoonitti qofa uduu hin ta'in biyyoota muraasaan ala biyya Asiya'aa maratti, ummata hagam baayi'e'ee akka woliigalchee fi akka amanisiise, isin mataa keessanuu ka argitanii fi ka dhageettan. Bifa kanaan hujiin keenna kun tuffatamuu isaati, kana qofa'llee uduu hin ta'in Asiya'aa fi biyya lafaa maratti naminni marri ta sagaduuf manni waaqeffanna'aa ta Waaqa ol aanttuu Arxemiisii tasa ta'ee hafuu isaati, ol aanttummaan isii'llee hafuu isaati» jedhe. Namoonni'llee kana yeroo dhagayanitti baanatanii, «Arxemiisiin Efesooniin ol aanttu'u!» jedhaa ni iyyan. Magaalaan guutuun ni jeeqamtte, ummanni'llee namoota lamaan biyya Maqedooniyaa ta'an lamaan Phaawulosii fi waahellan deemissa isaanii, Gaayosii fi Arisxaarkosiin qabanii, harkisaa gara bakka ummanni wol itti gayutti ni fiigan. Phaawulos gara ummataa dhaquuf barbaadee ture, barattoonni isaa garuu, akka hin deemnneef ni dhooganiin. Namoota biyya Isiya'aa ka aangoo qaban keessaa waahellan ka ta'an, tokko tokkoon isaanii, gara Phaawulosii nama erganii, «Gara bakka woligayii ummataa dhaqixxee akka hin muldhanne» jechuun ni kadhataniin. Ummata jidduu'llee jeeqamnni ol aanaan waan jiruuf, baay'eewwan isaanii maaliifuu akka wolitti gayu hin beekan ture, waayee kanaan tokko waan tokko jedhee yoo iyyu, kuun ammoo waan biraa jedhaa ni iyya ture. Namoonni gara Yihudotaatii ta'an tokko tokko, namicha Iskindir jedhamuu ummata keessaa dhidhiibaa gara fuun duraa ni dhiyeessaniin, ummata jidduu'llee tokko tokko haalaan akka isaaniif mormmuuf ni gorssaniin, Iskindir'llee ummanni akka caldhisu harkaan itti akeekeeti, haasaya ittisaa taasisuuf ni qophaaye. Garuu Iskindir Yihudicha ta'uu isaa namoonni marrinuu yeroo beekanitti, «Arxemiisiin Efesoonii ol aanttuu!» jedhaa, saa'aa lamaaf marrinuu qoonqqa tokkoon, ni iyyan. Muummee irratti barreessaan magaala'aa ijoon, ummata caldhisiiseeti akkana ni jedhe, «Yaa namoonni Efesoonii! Jiraattota magaalaa Efesoonii, manni waaqeffannaa Arxemiisii ol aanttu'uutii fi suuraa isi'ii ka sami'ii bu'ee, akka eegan mara birattuu waan beekkame. Kana'llee ka waakkatu eennu'llee waan hin jirreef, akka caldhifttanii fi muddamssu'un waan hamaa raawwachuu irraa, akka ufi eeggatan ni mala. Mana Waaqeffanna'aa worra hin saaminii fi Waaqa keenna irratti'llee dubbii arrabaa namoota hin dubbatin, garana qabddanii dhufttanii jirttan. Demeexrosii fi meeta tumttoonni isa woliin jiran'llee naminni isaan himatan yoo jiraate, guyyoonni murtiin itti kennamu ni jiran, worri aangoo qaban'llee ni jiran, achitti wol haa falmatan. Wonitti biraa ka barbaaddan yoo jiraate garuu, yaa'ii seera qabeessa ta'etti, ni laalama. Kanaan alatti waan adha raawwatameen, ‹jeeqama kaasanii jiran› jedhamnnee, akka hin himataminneef ni sodaachisa, ‹wolitti bu'iinssi kun waayee maaliin ka'e› jennee yoo gaafanne, deebiin kenninu hin jiru.» Kana'llee jedhee namoota wolitti qabaman, akka bittinaayan ni taasise. Jeeqamnni eega chaldhiseen duubatti, Phaawulos amantoota bakka tokkotti waamsisee, dubbii gorissaatiin isaan ni jajabeesse, nagaya'llee isaanitti dhaamee, gara Maqedoonyaa ni deeme. Bakkeewwan keessa dabrre sanniin irratti'llee, amantoota gorssa baay'een jajabeessaa, gara biyya Giriikii ni deeme. Achitti'llee ji'a sadihi ni ture, kanaan duubatti'llee dooniin gara biyya Sooriyaa deemuuf ni yaade, garuu Yihudonni isaa irratti marri taasisuu isaanii yeroo beeketti, gara Maqedooniyaatiin deemuuf, ni murtteesse. Ilmi Sophaaxrosii Phiiros biyya Beeriyaatii, Arisxaarkosii fi Sekundos Tasaloonqee, Gaayos ammoo Derbee, Xikiqoosii, Tikiqoosii fi Xiromifoos Asiyaa, woliin ni deeman. Isaan'llee nu durssanii deemuun, Xro'aasitti nu eegan. Nu'u garuu ayyaana Qixxa'aatiin duubatti Filiphisiiyusii doonii yaabannee, guyyaa shanitti gara bakka isaan jiranii gara Xro'aasii geenneeti, achitti'llee guyyaa torbaa ni dabarssine. Torbaan keessaa guyyaa jalqabaa titti, buddeena bakka tokkotti nyaachu'uuf wolitti ni qabamnne, Phaawulos'llee guyyaa itti aanee jirutti deemuu qaba waan tureef, namoota wol gayanitti ni dubbata ture, haasaya isaa'llee haga halkan qixxe'ee, ni dheeresse. Mana wol irroo nu itti woligeennetti, ibissaa baayi'etu jira ture. Oyxikoos dargaggeessi jedhame tokko fooddaa irra taa'aa jira ture, Phaawulos haasaya dheeressuu isaatiin hirribnni ulffaataan isa ni qabeen, hirribnni'llee waan isa injifateef mana wol irroo sadaffaa irraa, gara gadii ni kufe, namoonni'llee yeroo kaasaniinitti, du'ee ni argame. Garuu Phaawulos bu'ee mucaa irratti gad jechuun yoo ammatuun, «Amma'llee lubbuun ni jira, hin nayinaa!» jedhe. Phaawulos gara mana wol irroo deebi'ee bayeeti, buddeena kutee amantootaan woliin ni nyaate, haga bari'utti'llee namootaan woliin, haasaya'aa eega tureen duubatti, ni deeme. Namoonni'llee dargaggeessa fayye gara manaa ni fudhataniin, kanaan'llee haalaan ni jajabaatan. Phaawulosiin saalfachiisuuf waan yaanneef nu durssinee, dooniin gara Asoosii ni deeminne, kana'llee wonitti raawwanneef, Phaawulos haga Asoosii miilaan deemuuf waan muritteessee fi kana'llee akka raawwanneef, waan nu ajajeef. Isaan woliin'llee Asoostti yeroo wol geennetti, doonii nu yaabachiisanii gara Mixileenee, woliin ni deeminne. Guyyaa itti aanutti'llee achii kaanee, gara bakka Kiiyosiin fuunidura jiruu, dooniin ni geenne, guyyaa itti aanutti'llee gara biyya Saamosii ceeneeti, guyyaa itti aanutti'llee, gara Milixii ni geenne. Phaawulos Asiya'atti yeroo isaa akka hin balleesineef jedhee Efesooniin bira dabrre deemu'uuf ni barbaade, kana'llee ka raawwateef ayyaanna Phenxeqosxe'eetiif Yerusaalemtti argamuuf, yaadee waan tureef. Phaawulos Miilexoosii gara Efesoonii nama ergee, jaarsotii woldayaa ni waamsise, Gara isaa'llee yeroo dhufanitti akkana isaaniin ni jedhe, «Gara Asiyaa guyyaa itti galee jalaqabee, yeroo maraa isin woliin attamitti akka jiraadhe isin ni beekittan, waayee marri worra Yihudotaatiin rakkinni yoma narra gaye'llee obissa muda maleessa ta'ee fi imimmaaniin, Gooftaa ni tajaajila ture. Bakka woligayi'ii titti ta'ee mana keessantti'llee yoo isin barsiisu, waan isin fayyadu maraa isinitti ni hime malee, woma tokkoo isin irraa hin hanbbfnne. Yihudota ta'anii Ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee, dhiifamaan gara Waaqaa titti akka deebi'anii fi Gooftaa keenna Yesus Kristostti akka amananiif, isaan ufi ni eeggachiisan. Amma'llee yeroo achi gayu maalttu akka narra gayu uduu hin beekin, Hafuura Qulqulluun ajajamee, gara Yerusaalemii deemuu kiya. Haa ta'u malee magaalaa marattuu hidhaa fi rakkinni akka ana qunnamu, Hafuurri Qulqulluun natti himee jira. Wongeelaa kennaa Waaqaa ka bilisaa barsiisuuf Waaqa irraa ka fudhadhe, dirqama barsiisuu yoo raawwadhe, jireenna kiyyaaf gatii hin kennine, lubbuu kiyya'llee garaa ana hin nyaanne.» «Haga ammaa titti isin mara jidduu dedeebi'aa, waayee Mootummaa Waaqaa lallabee ture, ammaa achitti garuu isin keessa eennu'llee, gonkumaa fuula kiyya akka hin argine ni beeka. Kanaaf isin keessaa tokkoo uduu baddee, itti gaafatama akka hin qabnne guyyaa adhaa titti, ni hubachiisa. Yaada Waaqaa mara isinitti ni hime malee, womaa wonitti hanbise woyiituu hin jiru. Hafuurri Qulqulluun isin ephis qophoosota taasisee isin muudee jira, eegaa mataa keessan fi gobbu'uuf'llee ufi eeggadhaa, woldaya amanti'ii ta Waaqinni dhiiga ilma isaatiin fayyiseen eegaa. Ani eega deemeen duubatti gobbu'uuf worri hin naane, namoonni gara jabeeyyiin akka yayyii ta'an, akka isinitti galan ni beeka. Akkuma kana namoonni tokko tokko jidduu keessan ka'anii, barsiisa sobaa barsiisuun, amantoota baay'ee gara isaanii ni harkisan. Kanaaf tokko tokkoo keessan, woggaa sadihi halkanii fi guyyaa, imimmaan kiyya jissaa akka isin gorsse yaadataa, ufi eeggadhaa.» «Amma'llee isin ijaaru'uu fi qulqullaayomota jiddu'utti'llee qabiyyee isinii kennuu Waaqa dandda'uu fi dubbii kennaa bilisaa titti'llee, yaboo kennee jira. Ani qarshii eennuu'llee, worqqii yookiin uffata hin hawwinne. Harkuma kiyyaan hojjata'aa mataa kiyya ta'ee waahellan kiyya'llee ni gargaara akka ture, mataan keessanuu ni beekittan. ‹Ka fudhatu irra naminni keennu ka eebbifame› ka jettu, dubbii Gooftaa Yesusii yaadachu'uun, harkuma keennaan hojjata'aa dadhabddoota gargaaruun akka nurraa malu, karaa baay'een isinitti mulidhisee jira.» Kanaan duubatti Phaawulos isaan mara woliinuu, jilibiiffatee ni kadhate. Marrinuu booyaniiti Phaawulosiin ammatanii ni dhungataniin. Gonkumaa worri haalaan gaddan, «Ammaa achitti fuula kiyya hin argitan» isaaniin jedhee waan tureef, haga donii titti ni geegessaniin. Isaan biraa eega fooyamineen duubatti doonii yaabannee, qajeeluma gara iddoolaa Qoos jedhamttuu ni deeminne, guyyaa itti aanutti'llee gara eddoolaa Roodoosii ni geenne, achii'llee gara magaalaa Phaaxiraa ni deemnne. Achitti'llee doonii gara biyyaa Finiiqee deemttu arganeeti, isii yaabannee deemssa keenna itti ni fufinne. Eddoolaa Qophrosii gara bitaa keennaa titti dhiifnnee, gara biyya Sooriyaa deeminneeti, gara iddoolaa Xiiroosii ni geenne, doonchi'llee achitti fe'aa isaa buufachuu ni qaba ture. Achitti amantootaa barbaannee arganneeti, isaan woliin guyyaa torbaa ni ture. Isaan'llee Hafuura Qulqulluun qajeelffamanii Phaawulosiin, «Gara Yerusaalemii hin deeminni!» jedhanii itti ni himan. Yeroon achitti turru yeroon yoo raawwatu isaan biraa fooyaminnee adeemissa keenna itti ni fufnne, marrinuu haadha worraa isaaniitiif ijoollee isaanii woliin ta'anii, haga baya magaalaa titti nu geegessan, garba ciisaa biratti jilbbiiffannee eega kadhanneen duubatti, nagaya wolitti dhaamnnee addaan ni deeminne. Kanaan duubatti nu yoo doonii yaabbanu, isaan gara mana isaanii ni deebi'an. Xiiroos kaanee gara Phexelemaayis ni geenne, achitti'llee amantootaan woligeenee eega nagaya wol gaafanneen duubatti, isaan woliin guyyaa tokko ni dabarssine. Guyyaa itti aanutti'llee achii baanee, gara Qiisaariyaa ni deemnne, achitti'llee gargaarttota torbban woldaya keessaa gara tokko ka ta'ee, gara mana wongeelawicha Filiphosii aseenneeti, isa woliin ni teenne. Inni'llee kennaa raaga dubbachuu worra qaban, ijoollee durba duudaa hin heerumin afur qaba ture. Guyyoota baay'eef yeroo achi teennetti'llee, nabiyyichi Agaabos jedhamu tokko, biyya Yihudaatii ni dhufe. Nabiyyichi kun gara keenna ni dhiyaate, woraanittillee Phaawulosii fudhatee harkaa isaatii fi miila isaa hidheeti, «Hafuurri Qulqulluun abbaa woraantti'llee kanaa Yihudonni Yerusaalemiin jiran akkanatti hidhaniinii, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef dabarssanii ni kennaniin jedha» jedhe. Kana yeroo dhageennutti nu fi namoonni achi jiran'llee, Phaawulos gara Yerusaalemii akka hin deeminneef, ni kadhanneen. Phaawulos garuu, «Akkanatti booyaa, waayee maaliif, onnee kiyya gaddaan cabsstan? Ani waayee maqaa Gooftaa Yesusiitiif, Yerusaalemtti hidhamuu qofaaf uduu hin ta'in, du'uuf'llee qophaaya'a» jechuun ni deebise. Gorssa keenna'llee hin fudhadhu yeroo jedhetti garuu, «Eegaa akka fedhii Waaqaa haa ta'u» jennee, ni dhiifinneen. Achitti'llee guyyoota muraasaaf eega turreen duubatti, meeshaa keenna qopheesinee, gara Yerusaaleemii ni deemnne. Amanttoonni Qiisaariyaa turan tokko tokko, nu woliin ni dhufan, isaan'llee mana Minaasonii titti akka boqannuuf, gara mana isaa nu ni eemaran, naminni kun'llee durssee ka amane, nama biyya Qophrosii ture. Yerusaalemiin yeroo geennetti'llee amantoonni gammachuun, nu'u ni simatan. Guyyaa itti aanutti'llee Phaawulos nu woliin, mana gara Yaaqoobii ni deeme, jaarsotiin woldayaa marri'llee achi jiran ture. Phaawulos isaan maraa nagaya eega gaafateen duubatti karaa isaaniitiin, waan Waaqinni ummata Waaqa dhugaatitti hin amaninni jiddu'utti raawwate mara tokko tokkoon, isaaniif ni seenesse. Kana yeroo dhagayanitti marrinuu, Gooftaa ni galateeffatan, Phaawulosiin'llee akkana ni jedhaniin, «Yaa obboleessa! Amantoonni kuma baay'etti laakkayaman, Yihudota jidduu akka jiranii fi marri isaaniituu, Seeraaf hinaafttota akka ta'an ni beekitta, Ati Yihudota ummata Waaqa dhugaa titti hin amanne jidduu jiraatan maraanuu, ‹Ijoollee teessan hin gadoomisinaa yookiin seerota hin raawwatinaa› jedha'aa barsiisu'uun, seera Muse'ee akka diigan ni taasftta jedhama'aa ka odeeffamu, dhagayanii jiran. Eegaa maal raawwachuu woyya? Dhufuu kee qajeelatti ni dhagayan, kanaaf waan nu'u siin jennu raawwadhu, nu jidduu guduunffaa worri qaban, namoota afurittu jira. Isaan fudhadhuutii, isaan woliin ta'ii, mataa kee qulqulleessi, riffeenissa isaanii'llee akka haadatan, qarshii Mana Waaqeffanna'aatiif kennamu qarshii kenna'aa isaaniif kafali, kana yoo raawwatte wonitti sirratti odeeffame marrinuu, tasa ta'uu isaatii fi ati'llee ajajamaa seeraa ta'uu kee, marrinuu siif ni beeka. Gara ummata Waaqa dhugaa titti hin amanneetii ka amanan garuu, ‹waayee Waaqa harkaan hojjatameetii qalamu'uutiin nyaata battaaye hin nyaatnaa! dhiiga'llee hin nyaatnaa! foon horii hudhamee du'e'llee hin nyaatnaa, sagaagala irraa fagaadhaa!› murttee jedhu xalayaan qabate, barreessinee isiniif erginee jirra.» Kanaan duubatti Phaawulos namoota fudhateeti, guyyaa itti aanutti isaan woliin mataa isaa ni qulqulleesse, isaan woliin qaama isaa'llee ni qulqulleesse, guyyoonni itti qulqulleesse yoom akka ta'aniif, waayee tokkoo tokkoo isaanii'llee qarshiin kennaa ka kafalamu, yeroon itti kafalamu yoom akka ta'u, beekisisuuf gara Mana Sagadaa ni aseene. Guyyaan torbaa xumuramuuf yoo dhiyaatutti Yihudonni Asiyaa dhufan, Phaawulosiin Mana Waaqeffanna'aa titti isaan arguu isaaniitiin, ummata maraa kakaasanii ni qabaniin, «Yaa namoota Israa'eelii! Nu gargaaraa! Ummanni keennaa fi seerri keenna, bakka kana'llee arrabsa'aa ummata biyya mara jiru mara ka barsiisu nama kana, kun'llee hin gayu jedhee Ummata Waaqa duga'aa titti hin amanne gara Mana Waaqeffanna'aa aseensisu'uun, bakka Qulqulluu kana batteessee jira!» jedha'aa ni iyyan. Kana'llee waayeen jedhaniif, asiin durana dhalataan biyya Efesoonii Xirofimoosiin, isaan woliin magaalatti arganiinii waan jiraniif, Phaawulos isa qabatee gara Mana Sagadaa waan aseene, isaantti fakkaatee ture. Magaalaan guutuun ni jeeqamtte, ummanni marri'llee bakka tokko fiigaa dhufaniiti, Phaawulosiin qabanii harkisaa, Mana Sagadaatii ni baasaniin, Balballan Mana Sagadaa'llee bakkumatti ni cufaman. Namoonni Phaawulosiin ajjeesuu yeroo barbaadanitti, «Magaalaan Yerusaalemii guutuun jeeqamttee jirtti» ergaan jedhu, ajajaa woraana Roomaatii ni gaye. Kanaaf inni lolttoota fi ajajoota dhibbaa isaa ufi biratti qabatee, dadafaan fiigaa gara namootaa ni dhaqe. Namoonni'llee ajaja'aa fi loltoota yeroo arganitti, Phaawulosiin dhaanuu ni dhiisan. Ajajaan'llee dhiyaatee Phaawulosii qabeeti, birbiraata lamaan akka hidhamu ni ajaje, kanaan duubatti eennuun akka ta'ee fi maal akka raawwate'llee beekuuf barbaadee, ni gaafateen. Ummanni'llee tokko tokko waan tokko yoo jedhan, kuunniin ammoo waan biraa ni jedhan ture, Ajajaan'llee iyyiinssa ummataa irraa ka ka'een, waan dhugaa ta'e beekuu waan dadhabeef, Phaawulosiin gara mooraa lolttoota, akka fudhataniin ni ajaje. Phaawulos gara sadarkkaa yeroo gayetti, ummanni marrinuu dallansuu cimaan ka ka'ee, rakkinna geessuu waan barbaadeef, loltoonni isa baadhatanii ni deeman. Ummanni'llee, «Haa ajjeefamu!» jedhanii iyyuun ni horddofaniin ture. Lolttoonni gara mooraa isaanii ka woraanaa titti isa aseensisu'uuf yeroo dhiyaatanitti Phaawulos ajajaa woraanaatiin, «Waan tokko akka isi'itti himuuf naa ni eeyyamttaa?» jedheen. Ajajaan'llee «Afaan worra Giriikii beekitta ree? Eegaa, amma yeroo dhiyoo jeeqama kaaseetii fi lubbuu ajjeefttota kuma afurii fudhatee gara gammoojji'ii ka dheesse namichi biyya Gibxii isi'ii mitii ree?» jedheen. Phaawulos'llee, «Ani Kiliiqiya'atti ta argamttu beekkamittuu ka taate magaalaa Xerseesii titti ka dhaladhe Yihudicha, yabo'oo ummatatti akka dubadhuuf naa eeyyam» jedheen. Akka dubbatuuf'llee yeroo eeyyameefitti, sadarkkaa irra dhaabatee ummanni akka caldhisuuf, harkaan itti ni akeekee, yeroo ummanni caldhisetti'llee afaan worra Ibirootaatiin, akkana jechuun dubbachuu jala ni qabe, «Yaa obboleeyyanii fi abbootii kiyya! Kunoo amma ittifata isiniif dhiyeessu ana dhageeffadhaa!» Afaan worra Ibirootaatiin yoo dubbatu yeroo dhagayanitti, waan duraanii caalatti ni caldhisan, Phaawulos'llee dubbii isaa itti fufuun, akkana ni jedhe, «Ani Kiliiqiya'atti ka argamttu magaalaa Xerseesii titti Yihudicha dhaladhe, ka guddatee garuu magaalaa Yerusaalemii kanatti. Barsiisaan kiyya'llee Gamaalyaatiin ture, Aadaa abbootii kiyyaa'llee xumuree ka baradhee fi akkuma adha isin raawwattan kana, Waaqa'llee hinaaffaa hafuuraatiin ka tajaajilu ture. Worra amantii Kristaanaa horddofan mara, haga du'aa titti nama isaan ari'u ture, dhiiraa fi dubarttoota'llee hidhaa, gara nama hidhaa akka galan ni raawwata ture. Kun'llee dhugaa ta'uu isaa itti gaafatamaan qeesotaatii fi yaa'iin jaarsotii marrinuu naaf ragaa ni bayan. Gonkumaa Damaasqoo ka jiran namoota kanniin hidhee gara Yerusaalemii fidu'uu fi isaan adabsiisu'uuf, xalayaa ana danddeessisu gara worra isaanii ka argamanii xalayaa barreessan, ka fudhadhee isaan irraayyi.» «Ani gara Damaasqoo yoo deemuu fi gara magaalaa yoo dhiyaadhu, wolakkaa guyyaa irratti, dimmaa ifin ol aanaan samii, naannoo kiyyatti ni calaqise. Yeroo sanitti lafa irratti ni kufe, ‹Saa'ol! Saa'ol! Maali'iif ana ariitan?› qoonqqa jedhu ni dhagaye. Ani'llee, ‹Yaa Gooftaa! Ati eennuu?› jedheen, inni'llee, ‹ani ka ati ana ariitu, Yesusii Naazireetiiti› naan jedhe. Namoonni anaan woliin turan ifa yoo arggan malee, yoo inni ana dubbisu qoonqqa isaa, hin dhageenne. Ani'llee, ‹Yaa Gooftaa! Maal haa raawwadhu?› jedhe. Gooftaan'llee, ‹ka'iitii gara Damaasqoo deemi, wonitti raawwachuu qabddu marinuu, achitti sitti ni himama› naan jedhe. Calaqisuu ifaa irraa kan ka'een arguu waan dadhabeef, namoonni ana woliin turan harka qabanii ana eemaraa, gara Damaasqoo ana ni geessan.» «Achi'llee nama Ananiiyaas jedhamu tokkotu jira ture, naminni kun'llee Yihudota Damaasqoo jiraatan mara birattuu ka galateeffame, Seera kabajaa fi nama hafuurayaa ture.» Inni gara kiyya dhufee ana bira dhabateeti, obboleessa kiyya yaa Saa'ol! ijji tee deebitee si haa argitu naan jedhe, limsatuma sanitti ijji kiyya naaf ni laale, isaan'llee ni argge. Inni'llee akkana naan jedhe, Waaqinni abbootii teennaa fedhii isaa akka beekitu qulqullicha akka argituu fi qoonqqa isaa'llee akka dhageettuuf, durssee si filatee jira. Kana'llee ka raawwateef waan isa argitee fi waan isa dhageeffateef nama mara duratti'llee, ragaa isaa akka taatuuf. Eegaa amma maal eegidda? ka'iitii maqaa isaa waamu'uun cuuphami, cubbuu kee irraa'llee miicadhu. «Kanaan duubatti gara Yerusaalemii deebi'ee Mana Sagadaa titti yeroo kadhadhutti, yaada hafuuraatiin liqimffamee, muldhata ni argge. Gooftaan'llee natti mulidhatee, ‹ragummaa ati waayee kiyyaaf kennitu waan sirraa hin fudhanneef, uduu hin turin dadafaan Yerusaalemiin keessaa bayi!› naan jedhe. Ani'llee akkana jedheen, ‹yaa Gooftaa! Bakka wolgayi'ii mara deema'aa, worra sitti amanan maraa akka hidhee fi akka isaan dhaane, isaan mataan isaaniituu ni beekan. Isxifaanosiin ragaa kee ture yeroo ajjeefametti, ani ajjeefttota bira dhaabadhee isaan woliin ni jira ture, uffata isaanii'llee ni eega ture› Gooftaan'llee, ‹gara worra fagoo jiranii gara ummata Waaqa dhugaa titti hin amannee waan si erguuf ka'iitii deemi!› naan jedhe.» Hagana kana ummanni marrinuu haasaya Phaawulosii ni dhageeffatan ture, kanaan duubatti qoonqqa isaanii ol fudhatanii, «Naminni akkanaa kun arddii irraa haa dhabamisiifamu! naminni akkanaa kun lubbu'uun jiraachuu hin qabu!» jedha'aa ni iyyan. Isaan iyya'aa uffata isaan'llee hargufa'aatii fi biyyee gara sami'ii ol ni bittinneessan ture. Ajajaan'llee yeroo kana argge Phaawulosiin gara mooraa lolttootaa titti akka galchaniin ni ajaje, ummanni'llee isa irratti maaliif hagana mara akka iyyu beeku'uuf, dhaanamaa akka qoratamu ni ajaje. Garuu teephaan hidhanii dhaanu'uuf yeroo qophaayantti, ajajaa dhibbaa ka Phaawulos bira dhaabatee jiruun, «Nama lamummaa worra Roomaa qabu tokko murttii malee isa dhaanu'uuf, isinii eeyyamamee jiraa ree?» ni jedheen. Ajajaan dhibbaa'llee kana yeroo dhagayetti gara ajajaa woraanaa dhaqee, «Maal raawwachu'uuf? Naminni kun lammii worra Rooma'aatii bee!» ni jedheen. Kanaaf ajajaan gara Phaawulosii dhiyaateeti, «Mee natti himi, ati lammii Roomaatii moo?» jedheen, Inni'llee «Ee,» jedheen. Ajajaan'llee, «Ani lamummaa kana ka bite, qarshii baay'een» jedhe, Phaawulos'llee, «Ani garuu lamummaa Roomaatii dhaladhee jira,» jedhe. Kanaaf namoonni isa qorachuuf qophaayanii jiran sunniin, bakkumatti isa irraa ni fagaatan, ajajaan'llee nama lammii Roomaa ta'e tokko birbiraataan hidhuu isaa yeroo hubattetti, haalaan ni sodaate. Barsiisaa ajajaan, Yihudonni Phaawulosiin ka ittiin himatan sababaan sirrii ta'e maal akka ta'e beeku'uuf ni barbaade, kanaaf itti gaafatamoota qeesotaatii fi misseensota yaa'ii'ii marrinuu, akka wolitti qabaman ni ajaje, Phaawulosiin'llee hidhaana isaatii hiikee fideeti, isaan duranatti ni dhiyeesseen. Phaawulos'llee yaa'ii guuttatee laaleeti, «Yaa obboleeyyan kiyya! Haga adhaa titti yeroo maraa Waaqa duranatti ka jiraadhe, sammuu misha'aan» jedhe. Itti gaafatamaan qeesotaa Ananiiyaas garuu, Phaawulosiin afaan isaa akka dhayaniin, namoota Phaawulosiin bira dhaabatan ni ajaje. Yeroo kanatti Phaawulos Ananiiyaasiin, «Ati mana aashi'iin dibame ka fakkaattu! Si'llee Waaqinni ni dhaya! Akkaataa seeraatiin dhimma kiyya murtteesuuf teettee uduu jirttu, Seeraan ala akka ana dhayaniif ni ajajaa ree?» Namoonni achi turan'llee Phaawulosiin, «Itti gaafatamaa qeesota Waaqaa ni arabbsitaa moo?» ni jedhaniin. Phaawulos'llee, «Yaa obboleeyyan tiyya! Itti gaafatamaa qeesotaa ta'uu isaa hin beeku ture, sababaan'llee ‹itti gaafatamaa ummata keetii irratti waan jecha hamaa hin dubbatin› ka jedhu, barreeffamee ni jira» jedhe. Phaawulos namoota achi jiran keessaa wolakkaan isaanii Saduuqoota, wolakkaan ammoo Fariisoota ta'uu isaanii ni beekee, «Yaa obboleeyyan tiyya!, Ani Fariisoota irraa ka dhaladhe, Farsicha, kunoo amma murtii duratti ka dhiyaadhe abddii naa kennameetii fi waayee worroota du'aa ka'aniitiin» jechu'uun qooniqqa isaa ol fudhatee, yaa'ii jiddu'utti ni dubbate. Phaawulos yeroo kana dubbatetti Farisootaa Kristosiitiif Saduqootaa jiddu'utti wol dhabbiin ka'ee, yaa'iin bakka lamatti, ni qoodame. Saduuqoonni, «Du'aa ka'iinssi hin jiru, maleyikkoonni'llee hin jiran, hafuurri'llee hin jiru» yoo jedhan, Farisoonni garuu, «Kunniin marrinuu ni jiran» jedhanii ni amanan. Yeroo kanatti jeeqamnni ol aanaan ni ta'e, barsiisonni gara worra Fariisootaatii ta'an tokko tokko'llee ka'aniiti, «Nu nama kana irratti waan hamaa woyiituu hin arggane! Hafuurri yookiin maleyikkaan itti dubbatanii ta'a, nu maal beekinna?» jechuun ni mormmaniif. Wol dhabinniis cimaa waan deemeef namoonni Phaawulosiin akka isa hin kukutaneeniif sodaatanii ajajaan, «Bu'aatii Phaawulosiin namoota jiddu'uu butaatii baasaa! Gara mooraa woraanaa'llee fudhadhaanii!» jechuun lolttoota isaa ni ajaje. Guyyaa itti aanutti halkan Gooftaan Phaawulosiin bira dhaabatee, «Jabaadhu Yerusaalemtti akkuma ragaa naaf baatetti, akkuma kana Rooma'atti'llee raagaa naaf baayuun sirraa ni mala» jedheen. Yeroo laftti bariitetti'llee Yihudonni wolitti qabamaniiti, «Phaawulosiin uduu hin ajjeesin midhaan hin nyaannu, bishaan'llee hin dhuginnu» jedhanii wolii ni kakatan. Marri kana irratti namoonni woliigalan, laakkofssi isaanii afurtamaa ol ni ture. Isaan'llee gara itti gaafatamoota qeesotaatii fi gara jaarsotaa dhaqanii akkana jechu'uun isaanitti ni himan, «Phaawulosiin uduu hin ajjeesin midhaan akka afaaniin hin qabnneef, ciminnaan wolitti kakannee jirra, Kanaaf isin yaa'ii woliin woliigalttanii, ciminnaan wonitti nuuf qorattan akka jiru fakkeessuun, isa akka isinii fidan ajajaa gaafadhaa, nu'llee achi uduu hin gayiniin duranatti, isa ajjeesuuf qophoofnnee jirra» jedhan. Garuu mucaan obboleettii Phaawulosii marri kana waan dhagayeef, gara mooraa lolttootaa deemee aseeneeti, Phaawulostti ni hime. Phaawulos'llee ajajoota dhibbaa keessaa tokko waamee, «Mucaan kun ajajaa woraanaa titti waan himu waan qabuuf, gara isaa dhiyeessiin» ni jedheen. Ajajaan dhibbaa'llee mucaa qabee gara ajajaa aseeneeti, «Phaawulosiin hidhamaan ana waamee, mucaan kun sitti waan himu waan qabuuf, gara kee akka dhiyeessuun ana kadhate» jedhe. Ajajaan'llee harka mucaa qabee gara bakka dabal jettee deemeeniiti, «Wonitti natti himttu maali'ii?» jechuun, kophatti ni gaafateen. Mucaan'llee akkana ni jedhe, «Yihudonni waayee Phaawulosii ciminnaan ka qoratan fakkaatanii, boru gara yaa'ii akka isaanii dhiyeesituuf, si gaafachuuf woliigalanii jiran. Garuu ati tole isaanii hin jedhin, isaa'llee uduu isa inni hin ajjeefamin midhaan hin nyaannu, bishaan'llee hin dhunnu jechuun ka wolii galan, namoonni afurtama caalan isa ajjeesuuf, riphanii jiran, amma isaan wonitti eegaa jiran, deebii kee qofa.» Ajajaan'llee, «Waan kana natti himuu kee eennuuf'llee hin ibisin!» jedhee, mucaa ni geegesseen. Kanaan duubatti ajajaan woraanaa ajajaawwan dhibbaa keessaa lamaan waamee, «Halkan keessaa sa'aatii sadihii yoo ta'u gara Qiisaariya'aa ka deeman lolttoota dhibba lamaa fi worra fardaa torbaatama, eboo darbbattoota dhibba lamaa'llee qopheessan. Phaawulosiif'llee fardda qopheessaatii, gara bulichaa biyyaa gara Feeliksii nagayaan akka gayu taasisa'aanii» ni jedhe. Xalayaa akkana jedhu'llee ni barreesse, «Klaawudiiyos Luuisiyoosiin irraa, kabajamaa bulichaa biyyaatiif! Nageenni siif haa ta'u! Nama kana Yihudonni qabanii ajjeesuuf ni ture, ani garuu lammii Roomaa ta'uu isaa waan beekeef lolttootaan woliin dhaqabee, lubbuu isaa baasee jira. Waayee maaliin akka isa himatan beekuuf barbaadee, gara yaa'ii isaanii dhiyeesseenii ture. Ka isa himatan'llee waayee seera isaanii laaluun ta'uu isaa hubadhe jira, garuu du'aa fi yookiin hidha'aan wonitti isa gayu woyiituu hin jiru. Nama kana ajjeesu'uuf mariin akka taasfame yeroo dhagaye bakkumatti gara kee ni ergeen, himattoonni'llee isa irratti himannaa qaban, si duranatti akka dhiyeessan isaanitti himee jira.» Kanaaf lolttoonni akkaatama ajajamaniin Phaawulosiin halikaniin fuudhanii, gara Antiiphaaxriisii ni geessaniin. Guyyaa itti aanutti'llee worri farddo'oo Phaawulosiin woliin adeemissa isaanii akka itti fufan taasisanii, isaan gara mooraa woraanaa ni deebi'an. Worri farddoo gara Qiisaariyaa yeroo gayanitti, xalayaa bulichaa biyyaa titti kennaaniiti, Phaawulosiin isa duranatti ni dhiyeessaniin. Bulichaan biyyaa'llee xalayaa eega dubbiseen duubatti Phaawulosiin, «Ati konyaa biyya kamiitii?» jechuun ni gaafateen, nama biyya Kiliiqiya'aa ta'uu yeroo beeketti, «Himattoonni kee yeroo dhufanitti dhimma kee ni laala» ni jedheen. Mana nugusa Heerodisii keessatti'llee, akka isa eegganiin ni ajaje. Guyyaa shaniin duubatti itti gaafatamaan qeesotaa Ananiiyaas jaarsotii tokko tokkoo fi bakka bu'aa Xerxilos jedhamuun woliin gara Qiisaariyaa ni dhaqe, isaan'llee gara bulichaa biyyaa gara Feeliksii dhiyaatanii, Phaawulosiin ni himatan, Phaawulos'llee waamamee yeroo dhufetti, Xerxilos akkana jechuun himannaa isaa jala ni qabe, «Yaa kabajamaa Feeliks! Karaa keetiin nagaya baay'ee argannee jirra, bulchliinssa kee mishaa'llee ummata keennaaf, fooyyayinna argannee jirra, ka haalaan kabajamaa taate yaa Feeliks, gocha kee mishaa kana, bakka maraa fi yeroo bakka itti fudhannu marattuu, kabaja ol aanaa ta'een woliin. Amma garuu yeroo kee uduu hin balleessin gabaaba'atti waan sitti himu, fedha keetiin akka naaf dhageettuuf si ni kadhadha, naminni kun dhukkuba badaa nutti ta'ee jira, Yihudota biyya lafaa irra jiran mara irrattuu jeeqama ni kaasa, worri Naaziroota jedhamaniif'llee, durssaa isaaniiti. Mana Sagadaa'llee batteessuuf uduu yaalu qabnneenii jirra. [Akka seera keennaa titti'llee, itti murtteesuuf yaannee turre, garuu ajajaan woraanaa Lusiiyoos dhufee, humnna ol aana'aan harka keennaa butee fudhatee jira. Himattoonni isaa'llee gara kee akka dhufaniif isaan ni ajaje,] himannaan isa irratti dhiyeesine kun marrinuu dhugaa ta'u isaa, ati mataan keetuu isa qorattee mirkaneesuu ni danddeetta.» Yihudonni'llee, «Kun marrinuu dhuga'a» jedhaa himannaa isaa titti wolii ni gallan. Bulichaan biyyaa Feeliks harkaan itti akkeekee Phaawulos akka dubbattu ni eeyyameef, Phaawulos'llee akkana jechuun ni deebise, «Woggoota baay'eef bulichaa biyya kanaa ta'uu kee waan beekuuf, himannaa narratti dhiyaateef ittisaa kiyya si duranatti yoo dhiyeeffadhu, haalaan gammachuun natti dhagayamaati, sagaduuf gara Yerusaalemii eega deemee, guyyaa kudha lamaa akka hin caalle, ati mataan keetuu mirkaneessuuf ni danddeetta, Mana Sagadaa titti ta'ee yookiin bakka wolgayii titti, yookiin magaalaa keessatti, eennuun woliin'llee yoo mormmu yookiin jeeqamaaf, yookiin ummata jeeqamaaf yoo kakaasu, isaan ana hin arganne. Himannaa amma narratti dhiyeessan maraafuu, ragaa woyiituu siif dhiyessuu hin danda'an. Garuu kana siif ibisuu ni jaaladha, isaan karaa haarawa ka jedhan kutaa amantiitiin, Waaqa abootii kiyyaa ni waaqeffadha, Seeraa fi kitaaba nabiyyootaa keessatti waan barreeffamee jiru maraa, ni amana. Akkuma isaan'llee abddii isa taasisantti ani'llee Qulqullu'uu fi cubbamoonni du'aa akkuma ka'an, Waaqa abddii ni taasisaan. Kanaaf Waaqaa fi nama duratti'llee sammuu qulqulluu akka qabaadhuuf, yeroo mara ni hisadha.» «Yerusaalemii eega bayanii woggaan baay'een eega dabrreen duubatti, qarshii gargaarssa namoota keennaaf ta'uu fi kennaa Waaqaaf kennamu qabadhee ni dhufe. Mana Sagadaa titti'llee ka ana argan kanuma uduu raawwadhu, yeroo sanitti'llee naamusa qulqullaayu'uu raawwadhee jira ture, ana woliin namoonni baay'een hin turre, jeeqama'llee hin muldhanne. Yihudonni biyya Asiyatii dhufan garuu achi ni turan, isaan'llee ana irratti sababaa himannaa yoo qabaatan, si duranatti dhiyaatanii haa dubbatan. Kanaan duubatti yeroo yaa'itti dhiyaadhetti balleessaan ani raawwadhe yoo jiraate, namoonni asitti dhiyaatan kunniin haa dubbatan. Qajeelatti isaa jidduu dhaabadhee, ‹Du'aa ka'iinssi du'ootaa ni jira jechuu kiyyaan, murti'iif isin duranatti dhiyaadhee jira› jedhee qoonqqa guddoon dubbadhee jira, kana achitti, wonitti raawwadhe hin jiru.» Feeliks garuu waayee amantii Kristaanaa haalaan ni beeka waan tureef, «Ajajaan woraanaa Luusiyoos yeroo dhufetti, waayee dhimma keessan murtii ni kenna» jedhee, isaan ni geegesse. Ajajaa dhibbaa ka Phaawulosiin ni eega tureen'llee, «Uduu haalaan'llee mirga isaa isa hin dhooginiin ufi eeggannaan eegiin, waahellan isaa'llee waan isaa barbaachisu mara qabanii yoo dhufan, jala hin dhoogin» jedheen. Guyyaa muraasaan duubatti Feeliks haadha worraa isaa Yihudittii Drusilaa jedhamttu woliin ni dhufe, Phaawulosiin'llee waamsisee, waayee Yesus Kristostti amanuu, yoo dubbatu ni dhagaye. Phaawulos waayee qulqullaayomaatii fi waayee mataa ufii toowaachu'u, waayee murtii dhufu'uuf jiruu'llee yeroo dubbatetti, Feeliks sodaatee, «Amma deemi, yoo natti tole yeroo bira'aa si waamssisa» ni jedheen. Feeliks'llee Phaawulosiin irraa matta'aa fudhachuuf abddii ni taasisa ture, kanaaf yeroo baay'ee Phaawulosiin waamssisaa, ni dubbisaan ture. Woggaa lamaan duubatti Phorkii'os Fesxoos bakka Feeliksii ni bu'e, Feeliks'llee Yihudotaa gammachiisuuf barbaadee, Phaawulosiin akkuma hidhametti ni dhiiseen. Fesxoos'llee gara biyya isaa Qiisaariyaa galee guyyaa sadihi eega tureen duubatti, achii gara Yerusaalemii ni deeme. Achitti'llee itti gaafatamoonni qeesotaatii fi namoonni ol aanttonni Yihudotaa ta'an tokko tokko Phaawulosiin irratti himannaa isaanii ni dhiyeessan, «Phaawulosiin gara Yerusaalemii fichisiisu'uun, waan mishaa nuuf raawwadhu» jechuun'llee ni kadhataniin, kana'llee wonitti jedhaniif, Phaawulosiin karaa irratti eeganii, ajjeesuunii waan barbaadaniif. Fesxoos garuu, «Phaawulos Qiisaariyaa mana hidhaa titti eegamaati jira, ani'llee amma dadafee deebi'ee, garasi ni deema, namoonni keessan ka aangoo qaban ana woliin, gara Qiisaariyaa haa deeman, balleessaan Phaawulos raawwate'llee yoo jiraate, achitti haa himataniin» isaaniin jedhe. Fesxoos'llee yeroo guyyaa saddeeti yookiin kudhan hin caalle, isaaniin woliin eega dabarsseen duubatti, gara Qiisaariyaa ni deeme, achi'llee eega gayeen duubatti, guyyaa itti aanutti barccumaa murttii irra ta'eeti, Phaawulosiin akka dhiyeessaniif ni ajaje. Phaawulos yeroo dhiyaatetti Yihudonni Yerusaalemii dhufan isa marssanii dhaabataniiti, himannaa cimaa baay'ee, ragaa itti argachuu hin danddeenne isa irratti ni dhiyeessan. Phaawulos'llee, «Ani seera Yihudotaa irratti'llee ta'ee yookiin Mana Waaqeffanna'aa yookiin nugusa Rooma'aa irratti, balleessaan raawwadhe hin jiru» jechu'uun, deebii isaa ka ittisa ni kenne. Fesxoos garuu Yihudota gammachisiisu'uuf barbaadee Phaawulosiin, «Gara Yerusaalemii deemittee, waayee dhimma kanaa achitti ana duranatti mormmachu'uuf ni barbaadaa ree?» ni jedheen. Phaawulos garuu akkana jechu'uun deebii ni kenne, «Kunoo ani falmmachuu bakka itti malu barccumaa nugusa Roomaa Qiisaariyaa durana dhaabadhee jira, ati'llee akkuma midhaassitee beekitutti, Yihudota irratti ka raawwadhe balleessaan woyiituu hin jiru, balleessaa yoo ta'e yookiin balleessaa du'aan ana adabsiisu yoo raawwadhee jiraadhe du'a irraa haa hafu hin jedhu, garuu himannaan isaanii tasa yoo ta'e, eennu'llee isaaniif dabarssee ana kennu'uuf hin danda'u, ani garuu gara nugusa Rooma'aa naa haagalu jedhee jira» jedhe. Yeroo kana Fesxoos gorssitoota isaa woliin mari'ateeti, «Gara nugusa Roomaa naa haagalu eega jette, gara nugusichaa ni deemtta» jedheen. Guyyaa muraasaan duubatti nugusichi Agriiphaa fi Berniiqee Fesxoosiin, «Baga nagayaan dhuftte jechu'uuf», gara Qiisaariyaa ni dhufan. Achi'llee guyyaa baay'ee taa'uu isaaniitiin, Fesxoos waayee dhimma Phaawulosii akkana jechuun, nugusa Agriiphaaf ni ibise, «Ka Feelikiis hidhee dhiise naminni tokko asi ni jira, ani Yerusaalemiin yeroo turetti itti gaafatamoonni qeesotaatii fi jaarsotiin worra Yihudotaa waayee namicha kanaa gara kiyya eega iyyataniin duubatti, akka itti murtteessuuf ana ni gaafatan. Ani garuu, ‹himatamaan himatoota durana dhaabatee, dhimma ittiin himatameef deebii ittisa isaa uduu hin kenniin, himatamaa dabarssanii kennuun, seera worra Roomaatii miti› jedhee isaaniif ni deebiseef. Kanaaf himattoonni wolitti qabamanii garana yeroo dhufanitti, uduu hin turn barcumaa murtii irra ta'eeti, Phaawulosiin ana duranatti akka dhiyeessaniin ni ajaje. Himattoonni isaa'llee yeroo dubbachu'uuf isa bira dhaabatanitti, haga ani waan hamaa hojjate jedhee tilmaameetiin, waan himatamuun isa gayu woma tokkoo isa irratti hin dhiyeesine. Garuu isaa woliin irratti wol mormman ka ture, waayee amantii isaanii Kristosiitiif waayee ka du'ee turee, Phaawulos garuu ‹jiraataa› waayee Yesusii jedhuuti. Ani'llee waayee akkanaa kana qoradhee waan ana rakkiseef Phaawulosiin, ‹gara Yerusaalemii deemittee achitti waayee kana falmmachu'uuf ni jaalatta ree?› ni jedheen. Inni garuu dhimmichi nugusa Roomaatiin akka naaf laalamuuf barbaadee, gara nugusaa naa haa galu jechuu isaatiin haga garana isa ergutti, mana hidhaa akka turu ni ajaje» jedhe. Agriiphaan'llee Fesxoosiin, «Ani'llee naminni kun yoo dubbatu dhagayuu ni barbaada» ni jedheen. Fesxoos'llee, «Boru ni dhageettan,» jedheen. Kanaaf guyya itti aanutti Agriiphaa fi Berniiqeen uffata isaanii ka nugusaa uffataniiti, gaachena ol aanaan ta'anii, itti gaafatamoota woraanaa Kristosiitiif namoota ol aanota magaalaatiin'llee marffamanii dhufaniiti, gara galmma murtii'llee ni galan, achiin duubatti'llee Fesxoos Phaawulosiin ni waamsise. Akkana'llee ni jedhe, «Yaa nugusa Agriiphaa! Isin'llee namoonni nu woliin jirttan marrinuu! Yihudonni ‹naminni kun ammaa achitti lubbuun jiraachuu hin qabu› jechuun iyyaa Yerusaalemtti'llee, asiin'llee akka itti murtteeffamuuf ka ana gaafatan nama argittan kana. Ani garuu waan du'aan isa gayu balleessaa woyiituu itti hin arigganne, inni gara nugusa Roomaa naa haa galuu jechuu isaatiin, garana isa erguuf ni murtteesse. Haa ta'u malee waayee isaa Gooftaa kiyyaaf ka barreessu waan mirkanaayee hin qabu, kanaaf eega qoratameen duubatti waan barreessu akka arggadhuuf jedhee isin duranatti, kana irra yaa nugusa Agriiphaa! Si duranatti dhiyeesseenii jira. Hidhamaan gara qaama ol aanaa yoo ergamu, waayee ittiin himatamee ibisuu dhabuun isaa, gowwummaa fakkaatee natti muldhatee jira.» Agriiphaan Phaawulosiin, «Waayee mataa keetii akka dubbattu siif eeyyamamee jira» jedheen, Phaawulos'llee harka hiixateeti akkana jechuun, deebii isaa ka ittisaa ni kenne. «Yaa nugusa Agriiphaa! Waan Yihudonni ittiin ana himatan maraanuu adha si duranatti, deebii kiyya ka ittisaa yoo kennu haalaan ana gammachiisa. Keessummaanuu ati naamusa Yihudotaa Kristosiitiif mormmii maraa midhaastee waan beekituuf, kanaaf obissaan akka ana dhageeffattuuf si ni kadhadha.» «Ijoollummaa kiyyaa kaasee attamitti akka jiraadhe ni beekan, jalqabumaa kaasee ummata kiyya jiddu'uu fi Yerusaalemitti'llee jireenna kiyya ka jiraadhe ni beekan. Dabalee'llee ragaa bayuu yoo fedhan, amantii keennaan worra haalaan jabeessan keessaa kutaa ta'e, ta'ee akka jiraadhe, jalqabumaa kaasanii ni beekan. Amma garuu murti'iif asi ka dhaabadhe, waayee dubbii waadaa abddii, ka Waaqinni abbootii keennaaf kenneetiin. Gara abddii kanaa gayuuf gosoonni keenna kudha lamaan, Waaqa halkanii fi guyyaa waaqeffataa ni eeggataniin ture, Yaa Nugusa! Ani'llee Yihudotaan ka ittiin himatameef, waayee abddii kanaatiif. Waaqinni du'oota ka kaasu ta'uun isaa, waayee maaliif isin biratti ka hin amanaminne ta'e?» «Ani mataan kiyyaa maqaa Yesusii Naazireetii, waan haga dandda'eetiin mormmuu qaba jedhee, ni yaada ture. Yerusaalemtti'llee ka raawwate kanuma ture, itti gaafatamoota qeesotaa irraa aangoo fudhadheen amanttoota keessaa baay'eewwan gara mana hidha'aa titti akka galan taasisee jira, isaan yoo ajjeesan'llee, ajjeefttota isaaniitiin wolii galee jira. Yeroo baay'ee'llee bakka wolgayii titti akka adabamanii fi Gooftaa irraatti jecha arrabaa akka dubbatan, isaan ni dirqissiisan ture, isaan irratti'llee haalaan dalanee garuma magaalota biyya alaa'llee bayee, isaan ni ari'a ture.» «Waayema kanaaf itti gaafatamoota qeesotaa irraa, aangoo guutu'uu fi ajaja fudhadhee gara Damaasqoo ni deema ture. Yaa nugusa! Karaa irra uduu jiru, guyyaa wolakkaa yoo ta'u, ifa aduu caalaa ni arge, ifin kun'llee anaa fi naannoo namoota anaan woliin deemanii titti, samii ni ife. Marri keennaa lafa irratti kufnnee uduu jirru afaan worra Yihudotaatiin, ‹Saa'ol, Saa'ol! maali'iif ana ariitan? Qara bilayaa irra yoo dhaabatte mataa kee ni miita› qooniqqa jedhu, ni dhagaye.» Ani'llee, yaa Gooftaa! Ati eennuu? ni jedhe, Gooftaan'llee akkana naan ni jedhe, ani ka ati ana ariitu Yesus. Amma garuu ka'iitii miila keetiin dhaabadhu, ani ka sitti muldhadheef ija amma nana argiteenii fi ufi durana'llee waan ani sitti muldhisuun tajaajilaa fi ragaa akka naaf taatuuf, si muuduuf barbaadeeti. Ummata Israa'eeliitii fi gara isaa'llee ka si ergu ummata Waaqa dhuga'aa hin amannee harkaa'llee si ni fayyisa. Ija isaanii akka isaanii banttuu fi dukkana keessaa gara ifaa titti akka isaan baafttuuf, bulchiinsa sheexanaa jalaa'llee gara Waaqaa titti akka isaan deebifttuuf si ni taasisa, isaan'llee sababa anatti amanuu isaaniitiin dhiifama cubbuu ni argatan, worra filataman jiddu'utti'llee qabiyyee ni qoodaman. «Kanaaf yaa Nugusa Agriiphaa! Muldhata samii naa kennameef, didaa hin taane. Garuu durssee namoonni Damaasqoo jiran itti aanssee'llee Yerusaalemii fi arddii Yihuda'aa'llee ka jiran marrinuu, akkuma kana ummanni Waaqa dhugaa titti hin amanne'llee dabalatee, gara Waaqaa akka deebi'aniif isaan ni barsiise, gara Waaqaa deebi'uu isaanii'llee waan mulidhisu akka raawwataniif isaan ni barsiise. Waayee kanaan Yihudonni Mana Waaqeffana'aa uduu jiru ana qabanii, ana ajjeesuuf ni yaalan. Haga guyyaa adhaa titti garggaarssi Waaqaa ana irraa hin fooyaminne, kanaaf diqqa'aa fi gudda'a'llee ragaa baya'aa asi ni dhaabadha, Nabiyyoonnii fi Museen durssanii akkana ni ta'a ka jedhan dubbachu'uun alatti, ka bira'aa womaayyuu hin dubbanne. Isaan ka dubbatan, ‹Masihichi rakkina ni fudhata, du'aa ka'uun'llee ka jalqabaa ta'ee ifa fayyinnaa ummata Israa'eeliitii fi ummata Waaqa dhugaa titti hin amanneef ni ibisa› jedhaniiti.» Phaawulos kana dubbataa uduu jiru Fiisxoos, «Yaa Phaawulos! Amma dhugamaanuu maraattee jirta, baayi'ee barachuun kee gara maraatu'uutiin si gayee jira!» jechuun, iyyee ni dubbate. Phaawulos garuu akkana jechuun ni deebise, «Yaa haalaan kabajamaa ka taate Fesxoos! Waan dhugaallessaa fi sirrii ta'e dubbadha malee, hin maraanne. Nugufnni isa duranatti ifaan dubbadhe, waan kana ni beekan. Kun waan dhossaan raawwatame waan hin ta'iniif, nugusichi akka ana gargaaru ni beeka. Yaa nugusa Agriiphaa! Nabiyyootatti ni amanittaa mitii? Akka amanittu ni beeka!» Agriiphaan'llee Phaawulosiin, akkana ni jedheen, «Ati yeroma gabaabaa kana keessatti Kristaana ana taasisu'uufii bee!» ni jedheen. Phaawulos'llee, «Yeroo gabaabdutti ta'ee yookiin yeroo dheeratti, si qofa uduu hin ta'in adha worri haasaya kiyya kana dhagayan marrinuu, hidhaana kiyya kanaa achitti, akkuma kiyya akka ta'aniif, Waaqa ni kadhadha» jedhe. Kanaan duubatti nugusichi, bulichaa fi Berniiqeen, namoonni isaan woliin ta'anii jiran turan marri'llee, ni ka'an. Achii'llee bayanii yoo deeman, «Naminni kun du'aaf yookiin hidhaanaaf waan isa gayu, woma tokkoo hin taasfnne» woliin jedhan. Agriiphaan'llee Fesxoosiin, «Naminni kun gara Nugusa Roomaa naa haagalu jechuu uduu dhabaatee, bilisaan gad ni dhiifama ture» jedhe. Gara Ixaaliya'aa dooni'iin akka deemuuf yeroo murtteeffametti, Phaawulosii fi hidhamttoonni biraa'llee, kutaa hoomaa woraanaa Awugusxaa keessa ka turee, ajajaa dhibbaa Yuuliwoos jedhamutti isaan ni kennan. Doonii Adiraamixoosii ka gara eddoolaawwan Adraamiixoosii maddii garba ciisaa jiranii deeman, yaabbanee ni deeminne, Arisxaarkosiin jedhamu naminni biyya Maqedooniyaa ka Tasoloonqee jiraatu'llee, nu woliin ni ture. Guyyaa itti aanutti'llee gara Sidoonii ni geenne, Yuuliwoos Phaawulosiif nama mishaa waan tureef, gara waahellan isaa deemee gargaarssa barbaachisuun, akka raawwataniif ni eeyyameef. Achii'llee kaanee bubbeen fuundura keennaan nutti bubbisa waan tureef, eddoolaa Qophrosii dawannaa taasfannee dooni'iin, adeemissa keenna itti ni fufinne. Garba ciisaa Kiliiqiya'aa fi Phamfiliyaa jiru biraan dabrrinee eega ceeneen duubatti, gara magaalaa Mura'aa ka biyya Liiqiiyaa jirttu ni geenne. Achitti'llee ajajaan dhibbaa gara Ixaaliya'aa ka deemu doonii Iskindriya'aa argateeti, isaan akka deeman ni taasfaman. Guyyaa baay'ee suuta jennee deemnnee rakkinna baay'een, gara magaalaa Qeendoos bira ni geenne, bubbeen'llee ufi durana deemuu waan nu dhoogeef, qaccee lafa Salmoonaa bira dabarreeti, eddoolaa Qarxeesii dawannaa taasfnnee ni deemnne. Rakkinna baay'een hunda lamaan eega dabrrneen duubatti, magaalaa Lasiyaa biratti ka argamtu gara «Eddoolaa mishaa» jedhamttuu ni geenne. Deemssa keenna irratti yeroo baay'een baduu isaatii fi waayee yeroon soomaa'llee dabrruu isaatiin, yeroo kanatti garba ciisaa irra deemuun hammaataa waan tureef, Phaawulos akkana jechuun isaan ufi ni eeggachiise, «Isin namoota nana! Adeemissi keenna ka asii achi jiru balaa akka qabu natti ni muldhata, fe'aa fi doonii irratti qofa uduu hin ta'in, lubbuu namaa irratti'llee miidhaan cimaa fi badiin ni gaya.» Ajajaan dhibbaa garuu gorssa Phaawulosii irra ajajaan dooni'iitii fi abbaan dooni'iitii waan jedhan ni dhagaya ture. Eddoolaa san ji'a gannaa irratti dabarsu'uuf mijaayaa waan hin turniif namoonni baay'een, «Adeemssa isaanii itti fufanii ka dandda'amu yoo ta'e, gara balbala dhiyaa fi kibba dhiyaa jiran, gara Finiqee jedhamu, eddoolaa qerxees geennee ji'a gannaa achitti ni dabarsina» jedhanii, yaada ni dhiyeessan. Bubbeen diqqoon kibbaa yoo bubbifttu yeroo arganitti, akkuma yaadan waan isaaniif ta'e isaanitti fakkaatee, xiribbaa dooni'ii itti hidhatan fudhatanii adeemissa isaanii itti fufuuf ni ka'an, kibbaa'llee ka'anii Qarxeesiin bira bayanii hunda lamaaniin ni dabrran. Yeroo muraasaan duubatti garuu, «Bubbee honbololattii kaaba bayaa» jabdduu ka jedhamu eddoolaa ka'ee, gara garba ciisaa isaanitti ni dhufe. Dooniin'llee waan dhiibamee fi bubbee dura dhaabachuu waan dadhabeef, caldhifnnee bubbeen oofama'aa ni deemnne. Eddoolaa Qeedaa jedhamttu dawannaa taasfnnee yeroo deemnnutti rakkinna ol aana'aan hoboloo dooni'ii qabnnee, toowanna jala oolffachu'uuf ni dandeenne. Hojjattoonni doonii'llee hoboloo gara doonii harkisanii eega baasaniin duubatti, naanaya doonii titti haada maranii, dooniin gara bakka cirrachaa Suritiis ka jedhamttutti akka hin kufnneef, sodaatanii uffata sharaa buusaniiti, bubeen oofama'aa ni deeman. Bubbeen honbololattiin nutti cima'aa waan deemeef, guyyaa itti aanutti meeshaa doonii irratti fe'aman keessaa, tokko tokko gara garba ciisa'aa titti darbbuu jala ni qabnne. Guyyaa sadaffaa titti'llee, meeshaawwan dooni'iif tajaajilan harkuma isaaniitiin darba'aa ni gatan, Guyyaa baay'eef aduu ta'ee urjjiin waan hin muldhatinii fi bubbeen'llee nutti jabaataa waan deemeef, ammaa achitti hafuuf hin dandeennu jennee abddii ni kutanne. Namoonni'llee nyaata woyiituu uduu hin nyaatin, guyyaa baay'ee ni turan, kanaaf Phaawulos jidduu isaanii dhaabatee, akkana ni jedhe, «Namoota nana! Waan ani isiiniin jedhe dhageettanii Qarxeesii ka'uu uduu dhabaattanii, miidhaan kun marri isin irra hin gayu ture. Amma'llee doonii qofatu miidhama malee, isin keessaa eennuun irra'llee badiin hin gayu, kanaaf jabaadhaa, hin sodaatinaa, jedhee isin ni gorssa. Halkan dabrre ka isaa ka ta'e Waaqinni ani sagaduuf, maleyikkaan erge ana bira dhaabatee, ‹Yaa Phaawulos! Nugusa Roomaa durana dhaabachuu si barbaachisa! Kunoo, worra si woliin deeman mara'llee, Waaqinni siif jedhee du'aa isaan baasa› jedhee natti dubbatee jira. Kanaaf isin yaa namoota jabaadhaa! Waaqinni kana ka natti hime guutumaa fi guututti, akka raawwatu ni amanaan. Ta'u'llee bubbeen gara daangaa eddoolaa tokkoo fidee nu ni gata» jedhe. Halkan kudha arfaffaa titti garba ciisaa Adriiyaatti bubeen akka malee taanee uduu deemnnu, halkan qixxee irratti, dooniin gara lafaa waan dhiyaanne isaanitti ni fakkaate. Kanaaf haada gad fageenna garba ciisa'aa ittiin bikkaati'ii gad yoo buusan, gad fageenni garba ciisa'aa haga meetira 40 ta'ee ni argame, muraasa turanii meeshaa ittiin bikkiinssaa gad yoo buusan, gad fageenna haga meetira 30 ni argatan. Dooniin keenna dhagaa garba ciisaa bira jiruun akka wolitti hin buuneef sodaatanii, doonii gara duubaatiin xiribboota afur gara garba ciisaa ni buusan, kanaan duubatti halkan dabrre guyyaan akka isaanii dhufuuf, ni kadhatan ture. Hojjattoonni doonii'llee doonii bayanii dheessuuf barbaadanii waan turaniif, doonii gara duraatiin xirbboota waan gad buusan fakkaatanii, hoboloo doonii irra turtte gara garba ciisaa ni gatan. Yeroo kanatti Phaawulos ajajaa dhibbaatii fi lolttootaan'llee, «Hojjattoonni dooni'ii kunniin doonii irratti caldhisanii yoo hin taa'in, isin hafu'uuf hin dandeettan» isaaniin jedhe. Kanaaf lolttoonni haada hoboloo lolttootaa qabe muraniiti, bishaan irra akka deemuuf gad dhiisanii. Halkan bari'uuf yoo jedhu marrinuu waan nyaataa akka nyaataniif Phaawulos isaan ni kadhate, akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Waan nyaataa woyiituu uduu afaaniin hin qabin, eeggata qofaan haga turttan adha guyyaa kudha arfaffaa keessan. Kanaaf midhaan afaaniin akka qabddaniif isin ni kadhadha. Kun'llee jajabeenna isiniif ni kenna, gonkumaa miidhaan woyiituu isin irra hin gayu.» Kana'llee eega jedheen duubatti buddeena ol fuudhee mara duratti Waaqa ni galateeffate, kutee'llee nyaachuu jala ni qabe. Yeroo kanatti'llee marrinuu jajabaataniiti, nyaata ni nyaatan. Doonii keessa ka jirru woliigalaan, namoota dhibba lamaa fi torbaatamii jaha turre. Marrinuu nyaatanii eega quufaniin duubatti, qamadii fe'ame gara garba ciisaa titti gatu'uun, ulffaatinna dooni'ii irraa ni salphisan. Yeroo bari'utti'llee bakka gayan hin beekinne ture, garuu lafa daangaa cirrachaa qabu ka garaa garba ciisaa keessa aseenu ni argan, waan danda'amu yoo ta'e doonii garas dhiibuun, gara daangaa baasuuf ni yaadan. Xirbboota hiikanii garba ciisaa keessatti gad ni dhiisan, yeroma sanitti haada dhawataa'llee ni hiikan, kanaan duubatti uffata sharaa ka jiru gara bubbee ol fageessanii, gara bira garba ciisaa bayuuf ni deeman. Dooniin garuu tuulaa cirrachaa tiin wolitti bu'uu isaatiin, ufii gad ni gonbbifaman, gara duranaatiin'llee gad dhaabatee, ka hin sochoone ni ta'e, gara duubaatiin garuu dhiibiinssa danbaliitiin ka ka'een, cacabuu jala ni qabe. Hidhamttoota keessa tokkomaan'llee daakee akka jalaa hin baaneef, lolttoonni isaan ajjeesuuf ni yaadan. Ajajaan dhibbaa garuu Phaawulosiin jalaa baasu'uuniif waan barbaadeef, yaada isaanii hin fudhanne, kana irra bishaan daakuu worri danda'an, durssanii doonii irraa gara garba ciisa'aa utaala'aa, gara lafaa titti akka bayaniif ni ajaje. Ka hafan ammoo cufanttootaa fi qaama cacabaa doonii irra ta'anii, akka bayan ni ajaje, haala kanaan marrinuu nagayaan gara lafaa ni gayan. Gara lafaa nagayaan eega geenneen duubatti, eddoolaan irra geenne Malaaxiyaa ta'uu ni beekinne. Jiraattonni eddoolaa sanii mishummaa nama dinqisiisu nuuf ni taasisan, Yeroo kanatti'llee roobinni waan roobee fi qorra waan ta'eef, ibidda bobeessanii ni simatan, Phaawulos'llee haashaa wolitti qabee gara ibiddaa yoo gatu, oo'a irraa ka ka'een bofinni tokko bayee, harka isaa irratti maxanee ni rarra'e, namoonni Malaaxiya'aa bofnni harka Phaawulosii irratti rarra'ee yeroo arganitti, «Kun dhugamaanuu nama lubbu-ajeesa'a! Danbalii garba ciisa'aatii nagayaan yoma baayu'llee, murtii Waaqa jalaa bayee lubbu'uun jiraachu'uuf hin danddeenne» woliin ni jedhan. Phaawulos garuu bofa gara ibiddaa hargufee gateeti, miidhaan woyiituu uduu irra hin gayin ni hafe. Namoonni'llee, «Ammaa amma qaaminni isaa ni iitaya, yookiin dimmaa du'ee ni kufa» jechuun ni eeggatan ture. Garuu yeroo baay'ee eeggataniinii, miidhaan woyiituu isa irra akka hin gayin yeroo arganitti yaada isaanii jijjiiraniiti, «Kun ammoo Waaqa!» ni jedhan. Achi bakka ture san biratti, bulchaan eddoolaa lafa Phophlii'osii tittu jira ture, naminni kun'llee mana isaa titti nu simatee, guyyaa sadihiif haala misha'aan nu ni keessummeesse. Yeroo sanitti abbaan Phophlii'osii holata'aa fi baasaan qabeenii dhukkubssatee ciisee jira ni ture, Phaawulos'llee gara isaa aseenee ni kadhateef, harka isaa'llee irraa kaayee ni fayyiseen. Eega kun ta'een duubatti, dhukkubsattoonni eddoolaa irra jiraatan kuunniin'llee, dhufanii ni fayyan. Namoonni'llee kennaa baay'ee nuuf ni fidan, kabaja isaanii'llee nuuf ni ibisan, dooniin deemuuf yeroo kaanetti'llee, waan nu barbaachisu maraa doonii irratti nuuf ni fe'an. Ji'a sadihi Malaaxiyatti eega tureen duubatti, doonii Iskindriyaa ka ji'a gannaa eddoolaa irratti dabarsse ture yaabannee ni muldhanne, doonihci'llee malikata waaqolee lakkuu harkaan hojjatama ka diyyoosqoroos jedhamanii, ufi irraa qaban ni ture. Gara magaalaa Saraakus yeroo geennetti'llee, achi guyyaa sadihi ni teenne. Achii'llee gara garba ciisaatiin naanofnnee gara magaalaa Reegiyum ni geenne, achitti'llee guyyaa tokko eega dabarsineen duubatti, bubbeen kibba waan bubbiseef guyyaa lammaffaa titti, gara magaalaa Putiyoluus ni deemnne. Achitti'llee amanttoota arganeeti isaan woliin, guyyaa torba akka teennuuf nu ni kadhatan, achiin duubatti gara Roomaa ni deemnne. Amanttoonni Roomaa jiran'llee waayee keenna yeroo dhagayanitti, haga gabaa Afiyuus, «Bulttiiwwan sadihii» haga bakka jedhamttuu nu simachu''uuf ni dhufan, Phaawulos'llee yeroo isaan argetti, Waaqa galateeffatee ni jajjabaate. Gara Roomaa yeroo galletti, lolttuun Phaawulosiin eegu tokko kennameefii, kophaa isaa akka jiraatu ni eeyyamameef. Guyyaa sadiin duubatti Phaawulos Roomaa worra jiraatan namoota Yihudotaa ol aanttota ni waamsise, yeroo wolitti qabamantti'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Yaa obboleeyyan tiyya, ummata Israa'eelii irrattii fi seera abbootii isaanii irratti wonitti raawwadhe balleessaan woyiituu hin jiru, haa ta'u malee Yerusaalemtti hidhamee worra Rooma'aatiif dabarffamee ni kenname. Worri Roomaa'llee eega ana qorataniin duubatti, waan du'aan ana adabssiisu waan narratti hin argatiniif, bilisaan gad ana dhiisuu barbaadanii turan. Yihudonni garuu bilisaan gad dhiifamuu kiyya yeroo mormmanitti, gara nugusa Roomaa naa haa galu jechu'uuf ni dirqame, ta'u'llee waayee ummata kiyya ittiin himadhu hin qabu ture. Amma'llee ka isin waamsiseef, isin arguu fi kana'llee isinitti himuuf, ani birbiraata kanaan ka hidhameef, waayee abddii ummata Israa'eelii Kristosiitiif kennameetiin.» Isaan'llee akkana jechuun ni deebisaniif, «Xalayaan waayee keetiif, biyya Yihudaatii barreeffame nu hin geenne, namoota garana dhufan keessaa'llee, eennu'llee waayee kee ka hamaa dubbate hin jiru. Amantii kutaa ati horddofaa jirttuu kana, bakka marattuu namoonni akka mormmaniin ni beekinna, kanaaf yaanni kee maal akka ta'ee beekuu ni barbaanna» jedhaniin. Eega guyyaa beellamaniifiin duubatti, namoota baay'ee ta'anii gara mana isaa ka jireennaa ni dhufan, Inni'llee ganamaa irraa haga galgalaa titti, waayee Mootummaa Waaqaa ragaa bayuun yaada isaa isaaniif ni ibise, inni'llee isan amansiisuuf Seera Musee Kristosiitiif kitaabban nabiyyootaa irraa tuquun'llee, waayee Yesusii isaan ni hubachiise. Tokkoon tokkoon isaanii dubbii inni dubbate ni amanan, kuunniin garuu hin amanne. Isaan'llee ufii isaaniitiiyyuu uduu wolii hin galin, addaan ni deeman. Ta'u'llee uduu adda hin deeminiin duranatti Phaawulos yeroo muumme'eetiif yoo dubbattu, akkana ni jedhe, Hafuurri Qulqulluun karaa nabiyyicha Isaayaasiitiin abootatti wonitti dubbate sirrii ture! Dubbiin dubbate'llee kana, gara ummata kanaa deemiitii, dhagayuu ni dhageettan, garuu hin hubattan, arguu'llee ni argitan, garuu hin onne'etti hin qabattan isaaniin jedhi, Onneen namoota kanniinii jaabaattee jirtti, gurri isaanii'llee duudee jira, ijji isaanii'llee cufamttee jirtti, akkana ta'uu uduu dhabaatee, ija isaaniitiin arganii, gurra isaaniitiin dhagayanii, onnee isaanii titti'llee hubatanii, gara kiyya ni deebi'anii, isaan ni faayyisa ture. Eegaa ergaan fayyisummaan Waaqaa ummata Waaqa dhugaa titti hin amanneef akka ergame beekaa, isaan'llee tole jedhanii isa ufitti ni fudhataniin. [«Phaawulos'llee kana eega dubbateen duubatti, worri Yihudotaa haalaan isaan mormmaa, achii bayanii ni deeman.»] Phaawulos mana kireeffate keessa woggaa lamaaf ni taa'e, namoota gara isaa dhufan mara'llee ni simata ture. Mootummaa Waaqaa'llee lallabuun, waayee Gooftaa Yesus Kristosii eennu'llee uduu hin dhooginiin, ugiinssaan ni barsiisa ture. Tajaajilaa Yesus Kristosii ka ta'e, ergamittumma'aaf ka waamame, wongeela Waaqaa'llee barsiisu'uuf ka filatame, Phaawulosiin irraa ka ergame. Wongeelli kun'llee ka Waaqinni karaa nabiyyootaatiin kitaabban Qulqulluu keessatti durssee ka kenne, dubbii abddi'iiti. Wongeelichi'llee Ilmi Waaqaa karaa nama ta'uutiin fiixaa Daawiitii irraa dhalachuu isaa ka dubbatu, akkuma kana Gooftaan keenna Yesus Kristos hafuura qulqullummaa isaatiin du'aa ka'uu isaatiin Ilma Waaqaa ta'uun isaa, huminna ol aana'aan ni beekame. Waayee maqaa Kristositiif ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne marrinuu akka amananii fi akka ajajaman taasisu'uuf karaa isaatiin, kennaa isaa ka bilisaa ka ergamitumma'aaf isaan geessu fudhannee jirra. Isin'llee ka Yesus Kristosii akka taataniif, worra Waaqinni waamee jiddu'uu turttan. Kanaaf worra Roomaa jiraattanii fi worra Waaqinni isin jaalateef worra isaa akka taataniif, ka isin waame maraaf, Abbaa keenna Waaqaa fi Gooftaa keenna Yesus Kristosiin irraa kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u. Maqaan amantii keessan biyya lafaa mara irratti waan dhagayameef, waan maraa durssee karaa Yesus Kristositiin, waayee mara keessaniitiif Waaqa kiyya ni galateeffadha. Yeroo maraa kadhannaa kiyyaan akka isin yaadadhu, wongeela waayee Ilma isaa dubbatu'llee barsiisu'uun, Waaqinni onnee tiyya guutu'uun tajaajilu, ragaa kiyya. Akkuma kana amma muummee irratti gara keessan dhufu'uuf, fedhii Waaqaa ta'ee karaan kiyya akka naa qajeeluuf, yeroo mara ni kadhadha. Amanti'iin akka jabaattan ka isin taasisu kennaa hafuuraa akka isinii qooduuf, isin arguu ni hawwa. Kana'llee jechuun kiyya ani amantii keessaniin, isin'llee amantii kiyyaan, ufii keennaa akka wol jajabaasnuuf. Yaa obboleeyyan tiyya! Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne kaanniin jiddu'utti amanttoota baayi'ee akka argadhe, akkuma kana isin jiddu'utti'llee amanttoota argachu'uuf barbaadee ture, garuu gara keessan dhufu'uuf yeroo baayi'ee karoorfadhee haga ammaa titti naaf ka hin guutin ta'uu isaa akka beekittaniif ni jaaladha. Ka ammayyaayanii fi hin ammayyaayin'llee, ka baratan ta'ee ummata hin baratin ka Giriikii'llee dirqqama barsiisu'uu titu narra jira. Kanaaf isin worra Roomaa jiraattaniif'llee, wongeela isin barsiisu'uuf ni hawwa. Ani dubbii Wongeelaa titti hin saalfadhu, dubbiin wongeelaa jalqaba Yihudota, itti aansee'llee Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne, akkuma kana namoota amanan maraa fayyisu'uuf ka danda'u, huminna Waaqaati. Naminni qulqullaayomaan amanti'iin jireenna ni argata jedhamee barreeffamee jira, qulqullummaan Waaqaa'llee huji'iin waan muldhateef jalqabaa hanga muumme'ee titti naminni ka qulqullaawomu amanti'iin. Namoonni hammeenna isaaniitiin dhugaan akka hin beekkaminne ni taasisan, Waaqa sodaachuu dhabuu isaaniitii fi waayee hammeenna isaaniitiin'llee, mara irrattuu dheekkamissi Waaqaa sami'ii ni muldhata. Isaan ka adabuuf'llee waayee Waaqaa beekuu waan qaban, Waaqinni mataan isaatuu isaaniif ibisee, ni beekan waan turaniif. Biyyi lafaa yeroo uumamee jala qabee namootatti ka hin muldhanne amalli Waaqaa, kun'llee huminni isaa ka bara baraatii fi Waaqummaan isaa, karaa wonittoota inni uumeetiin ifa ta'ee waan muldhateef, balleessaa namoonni balleessaniif sababa hin qaban. Isaan Waaqa beekaniinii uduu jiran, isaaf akka Waaqummaa isaatiin ulffinnaa fi galata isaa malu hin kennineef, yaada isaaniitiin'llee tasa ni ta'an, onneen isaanii ka hin hubanne'llee ni dukkanaaye. «Nu'u ogeessota» uduu jedhan gowwoota ni ta'an. Bakka Waaqa hin dabrrne kabaju'uu irra dabrraa ka ta'e fakkii ilma namaatiin, sinbiraan, beeyiladoota miila afurii qabaniit, bifa bineensota lafa irra harkifataniitiin fakkii hojjatameef, ulfinna ni kennan. Kanaaf ufii isaaniitii qaama mataa isaanii irratti gochoota saalfachiisaa akka raawwataniif, Waaqinni hawwii isaanii hamaa ka battummaan keessa guuteef, bitamoota akka ta'an isaaniif ni dhiise. Kun'llee ka ta'eef dhugaa Waaqaa sobaan waan jijjiiraniif, bakka Waaqa uumaa ta'ee uumama waan waaqeffatanii fi waan tajaajilaniif, Waaqinni garuu bara baraaf ka galateeffame! Amen. Namoonni sababa kana raawwachuu isaaniitiin Waaqinni waan hin malle hawwii qaanessa'aaf dabarssee isaan ni kenne, dubarttoonni isaanii'llee wol qunnamittii uumamaan baratame dhiisanii, ka hin barataminiin ni jijjiiran. Akkuma kana worri dhiiraa'llee wol qunnamittii saalaa ka baratame dubarttootaan woliin raawwachuu dhiisanii, ufii isaaniitii wolitti kajeellaa sagaagala isaaniitiin ni gubatan, kanaaf dhiironni dhiirotaan woliin waan qaanessaa ni raawwatan, sababa dogoggora isaaniitiin'llee adabbii isaaniin malu foon isaaniitiin ni fudhatan. Namoonni Waaqa beeku'uuf waan hin barbaadiniif waan qaanessaa akka raawwataniif, Waaqinni waan hin fayyadineef sammuu isaan dabarssee ni kenne. Kanaaf balleessa'aan, hammeennaan, dondhumma'aan, dabaan, hinaafumma'aan, lubbuu ajjeefttumma'aan, woldhabaan, sobdumma'aan, hawwii hamaa maraan ka guuttaman, akkuma kana hamattoota, maqaa namaa ka balleessan, Waaqa ka jibban, nama ka salphisan, ufi tuulttota, ufi dhaddota, hameenna raawwachu'uuf toofitaa ka barbaadan, maatii isaaniitii ka hin ajajaminne, ka hin hubanne, woliigalttee ka diigan, jaalala ka hin qabnne, gara jabeeyyi'i. «Wonittoota kanniin ka raawwatan marrinuu, du'atu isaaniin mala» ka jedhu seera Waaqaa uduu beekan, kana maraa ni raawwatan, raawwachuu qofa'llee uduu hin ta'in, namoota'llee akka kana raawwataniif ni jajabeessan. Nama bira'aa irratti ka murtteessitu ati mataa keetii waan itti sababattu ka hin qabddu, nama bira'aa irratti yoo murtteessitu, mataa kee irratti ni murtteessita, ati nama bira'aa irratti murtteessa'aa, waan naminni itti murtteessite sun raawwatu ni raawwatta. Namoota kana raawwatan irratti Waaqinni waan isaaniin malu, akka isaanitti murtteessu ni beekinna. Nama nana! Namoota akkana raawwatan irratti murtteessa'aa, waan isaan raawwatan yoo raawwattu, murtii Waaqaa jalaa waan baatu sitti ni fakkaata ree? Yookiin mishumma'aa fi danda'iinsa Waaqaa baayi'inna obissaa ta'uu isaa'llee ni tuffatta ree? Waaqinni mishummaa isaa ka si baayi'ise si gara dhiifama Waaqaa titti eemaru'uuf akka ta'e, hin beekittuu ree? Eegaa ati dhiifamaan gara Waaqaa deebi'uu dhabuu keetii fi morkkataa ta'uu keetiin, dheekkamissi Waaqaatii fi murtiin sirrii ta'e dheekkamissi Waaqaatii fi murttiin dhuga'aa guyyaa itti muldhatutti, adabbiin kee akka baayi'atu ni taasftta. Waaqinni tokko tokkoofuu akka hujii isaatiin ni kennaaf. Hujii misha'aan jabaachuun galataa fi ulfinna, jireenna hin banne'llee worra barbaadaniif, Waaqinni jireenna bara baraa isaaniif ni kenna. Faayiiddaa ufii worra barbaadan, dhuga'aaf worra hin ajajaminne, worra jeeqamaa fi marri dabaa adeemisisan irratti garuu, dheekkamissi Waaqaatii fi balaan isaanitti ni dhufa. Jalqaba Yihuudotatti, itti aanssee'llee Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irratti hammeenna namoota raawwatan mara irrattuu, rakkinnaa fi sarddamnni isaanitti ni dhufa. Garuu waan mishaa namoota raawwatan maraaf, Yihudotaa fi ta'ee Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef'llee, galataa fi ulfinna nageenni'llee isaaniif ni kennama. Waaqinni namoota jiddu'utti hin dalu. Seera uduu hin qabaatin cubbuu ka hojjatan marrinuu, seericha qabaachuu yoo dhabaatan'llee ni badan, seera uduu qaban cubbuu worri hojjatan marri garuu, seerichaan isaanitti ni murtteeffama. Waaqa duranatti ka qulqullaayan seericha dhagayanii hujii irra worra oolichan malee, seericha dhagayanii hujii irra worra hin oolichinee miti. Seera ka hin qabnne Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne, umamuma isaaniitiin waan seerri ajaju ni raawwatan, sababa kanaan'llee seera qabaachuu yoo dhabaatan'llee seera mataa isaanii ka uumamaa waan qabaniif, raawwachuu waan qaban ni beekan. Haalli isaanii kun'llee wonitti seerri isaan ajaju marrinuu onnee isaanii titti ka barreeffame ta'uu isaa ni muldhisa, akkuma kana sammuun isaanii'llee isaanitti ragaa ni baya, sammuun isaanii yeroo tokko tokko isaan ni himata, yeroo tokko tokko'llee isaan ni irkisa. Kun'llee ka ta'u akkaataa wongeela ani lallabuun Waaqinni karaa Yesus Kristositiin, hujii namoonni hojjatan ka dhossa'aa irratti, guyyaa murtteessutti. Kunoo ati, «Ani Yihudicha» ni jetta, seeratti ni irkatta, ka Waaqaa ta'uu keetiin'llee ni dhaadatta. Ati fedhii Waaqaa ni beekitta, seera'llee waan baratteef waan mishaa raawwachuu ni beekitta. Ati «Ani eemaraa jaamotaati, worra dukkana keessa jiraniif'llee ifale'e, worra hin baratin ni leenjisa, daa'imman ni barsiisa» ni jetta. Akkuma kana, «Seeraan malikata beekkomisaa fi dhuga'aa ni qaba» jetta. Kanniin ka barsiifittu yoo taatu, eegaa mataa kee maali'iif hin barsiifinne? Hin hatnaa jetta, ati garuu ni hatta, hin sagaagalinaa jetta, ati garuu ni sagaagalitta, ati waaqolee harkaan hojjataman ni jibbita, mana isaanii ka waaqeffanna'aa garuu ni saamitta. Ati seera Waaqaatiin ni dhaadatta, garuu seericha diigu'uun Waaqa ni tuffatta. Kun'llee, «Isin sababa Yihudotaatiin maqaan Waaqaa ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne biratti ni arrabsama» jedhamee, akkuma barreeffame. Gadoomuun dhugamaan ka si fayyadu seera yoo raawwatte, seera ka diigiddu yoo ta'e garuu gadoomuun kee akka waan hin gadoominii titti ni lakkaayama. Kanaaf ka hin gadoomin worri gara ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee ajaja seeraa ka raawwatu yoo ta'e, gadoomuu dhabuun isaa akka waan gadoomee titti isaa ni laakkayaamaafii mitii ree? Ati seera barreeffamee uduu qabdduu fi ka gadoomittee jirttu'llee taatee seera yoo diigidde, fooniin ka hin gadoome ta'ee seera ka raawwatu, ka gara worra Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee sirratti, ni murtteessa. Eegaa maqama qofaan Yihudicha ka ta'e Yihudicha dhuga'aatii miti, akkuma kana duubanaan ka muldhatu gadoominni foonii, gadoominna dhuga'aatii miti. Yihudichi dhuga'aa ka keessa isaa Yihudicha ta'e, Gadoominni dhuga'aa ka Hafuura Waaqaatiin ka ta'u gadooma onne'ee ka dhuga'aatii malee, akkaataa seeraan barreeffameetiin, gadooma fooniitii miti. Naminni akkanaa kun'llee galata ka fudhatu Waaqa irraayyi malee, nama irraayyii miti. Eegaa Yihudichi Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ka caaluu maali'iin? Faayiddaan gadoomu'uu hoo maal'i? Dhugamaanuu Yihudicha ta'uun karaa baayi'e'een caalmaya ni qaba, wonitti ijoon Waaqinni dubbii isaa Yihudotaaf yaboo kennuu isaati. Eegaa, Yihudota keessaa tokko tokko amanamoota ta'anii yoo argamuu dhabaatan, amanamoota ta'uu dhabuun isaanii amanammummaa Waaqaa ni hanbbisaa ree? Gonkumaa hin hanbbisu! «Dubbima kee irraa ka ka'een dhugaalessa ni taata, mormmataa kee'llee murti'iin ni injifatta» jedhamee akkuma barreeffame, naminni marrinuu ka dharaa yoo ta'e'llee, Waaqinni dhugaalessa. Garuu cubbuun keenna qulqullummaa Waaqaa ka muldhisu yoo ta'e, eegaa maal jenna ree? Waaqinni waayee cubbuu keennaatiif yoo nu adabe, murtteessaa dhuga'aatii miti jechu'uu moo? Asi irratti ka dubbadhu akka yaada namaa titti. Gonkumaa miti! akkanaa yoo ta'e ammoo Waaqinni biyya lafaa irratti attamiin murtteessa? Garuu ka dharaa ta'uun kiyya dhugaa Waaqaa ibssu'uun, baayi'inna ulfinna isaa ka muldhisu yoo ta'e eegaa, ana irratti akka cubbama'aa titti ka murtteeffamu maali'iitiif ree? Namoonni tokko tokko «Waan mishaa akka argannuuf waan hamaa haa raawwanuu» jedha'aa waan barsiisuu fakkeesanii ana ni himatan, kanaaf worra akkana jiran irratti murttiin murtteeffamu, ka sirri'iiti. Eegaa, nu'u Yihudonni Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ni caalla jechu'uu moo? gonkumaa miti! Namoonni marrinuu Yihudota ta'anii Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne, cubbamoota ta'uu isaanii durssee hubachiisee jira. Akkan jedhamee akkuma barreeffame, «Tokko'llee naminni qulqullaayomaan hin jiru, tokkoo hin jiru, hubataan'llee'llee hin jiru, Waaqa ka barbaadu tokko'llee hin jiru. Marrinuu karaa isaaniitii bayanii jiran, tokkumma'aan ta'anii dogoggoranii jiran. Hujii mishaa ka hojjatu naminni tokko'llee hin jiru. Nama ka miidhu dubbii badaa dubbachu'uuf, afaan isaanii akka awwaalaa titti ka baname, haasofnni afaan isaanii'llee akka summii bofaa titti, ka miidhu, afaan isaanii'llee abaarssaa fi hadhaayummaan, itti guutee jira. Miilli isaanii nama ajjeesu'uuf ka dadafe, karaa isaanii titti ka argamu, balleessa'aa fi hiyyumma'a. Karaa nagayaa hin beekan, Waaqa gonkumaa hin sodaatan.» Ajajinni seeraa ka laalu worra seera jala jiran akka ta'e ni beekinna, waayee kanaan'llee namoonni waan itti sababatan dhabanii ni caldhisan, biyyi lafaa marri'llee murtii Waaqaa jala ni ta'a. Kanaaf naminni kumi'llee Waaqa duranatti seera raawwachu'uun hin qulqullaayomu, seerri ka muldhisu naminni marrinuu cubbamaa ta'uu isaati. Amma garuu karaan Waaqinni namoota ittiin qulqullaawomssuun seera malee ta'uun muldhatee jira, kun'llee seera Muse'eetii fi nabiyyootaan ragaan bayamee jira. Kanaaf Waaqinni daloo woyiituu uduu hin taasisin, Yesus Kristostti worra amanan maraaf, qulqullaawoma ni kenna. Namoonni marrinuu cubbuu hojjatanii jiran, ulfinna Waaqinni isaanii kenne'llee dhabanii jiran. Kanaaf namoonni hujii Yesus Kristos raawwateen hujii fayyisumma'aa, kennaa Waaqaa ka bilisaa qofaan ni qulqullaawan. Waaqinni Yesus Kristosiin kitimaa taasisee ka dhiyeesseen worri isatti amanan marrinuu dhiiga isaatiin dhiifama cubbu'uu isaanii akka argataniif, Waaqinni kana raawwachuun obissa isaatiin cubbuu isaa ka duraanii akka waan hin jirree taasisu'uun, murttii mataa isaa qajeelaa muldhisu'uuf. Bara ammaa titti'llee Waaqinni mataan isaatuu qulqullaawomaa ta'uu isaa ka muldhisu, worra Yesusitti amanan maraa qulqullaawomssu'uun. Eegaa wonitti ittiin dhaadannu maalttu jira? Womaanuu hin dhaadannu! Waayeen hin dhaadanneef hoo maal'i? Waan seera raawwanuufii moo? miti, garuu amanti'iin. Kanaaf Waaqinni nama ka qulqullaayomssu, naminni hujii seeraa waan raawwateef uduu hin ta'in, amanti'iin ta'uu isaa ni hubanna. Yookiin Waaqinni Waaqa Yihudotaa qofa ree? Waaqa Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneetii mitii ree? Dhugamaan Waaqa Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneetile'e. Waaqinni tokko, Yihudotaaf'llee ta'ee Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef'llee, amanti'iin ka qulqullaawomssu isa. Eegaa waayee amanti'iitiin seera ni diiginna jechu'uu ree? Miti, gonkumaa seera jabeessinee ni qabanna. Eegaa fooniin abbaa keenna ka ta'e Abrahaam, argate wonitti jennu maali'i? Abrahaam ka qulqullaawome huji'iin uduu ta'ee jiraatee, waan ittiin ufi dhaadu ni argataayyu ture, haa ta'u malee Waaqa duranatti ufi dhaadu'uuf hin danda'u. Kitaabnni Qulqulluun, «Abrahaam Waaqatti ni amanee, amantiin isaa'llee qulqullaawoma ta'ee ni laakkayameef» jedha. Mindaan naminni hojjatu argatu gatii malu ka humnna isaati malee, kenna'aa miti. Naminni yoma hujii mishaa qabaachuu dhabaate'llee Waaqa cubbamoota qulqullaawomssuu danda'utti yoo amane, amanitiin isaa qulqullaayoma ta'ee ni laakkayamaaf. Daawiit'llee karaa isaatiin Waaqinni hujii misha'aan alatti naminni Waaqinni isa qulqullaawomssu, hagam ka eebbifame ta'uu isaa yoo ibisu, akkana jedhee jira, «Balleessaan isaanii ka isaanii dhiifamee fi namoonni cubbuun isaanii isaaniif dhabamsiifame, ka eebbifaman! Naminni Waaqinni cubbuu isaa itti hin laakkofnne, ka eebbifame!» Eegaa, Daawiiti ka dubbatetti eebbi kun worra gadooman qofaafii ree? yookiin worra hin gadoominiif'lle'e? Worra hin gadoominiif'lle'e, «Abrahaam Waaqatti waan amaneef, amantiin isaa qulqullaawoma ta'ee ni lakkaayameef» jennee jirra. Eegaa Abrahaam amantiin isaa qulqullaawoma ta'ee ka laakkayameef yoom? uduu hin gadoominiin duranatti ree yookiin eega gadoomeen duubatti? uduu hin gadoominiin duranatti malee, eega gadoomeen duubatti miti. Abrahaam uduma hin gadoominiin duranatti, amantiin isaa qulqullaawoma ta'ee akka lakkaayameef, malikata mirkaneessa'aa akka isaa ta'uuf ni gadoome, kanaaf Abrahaam uduu hin gadoomin worra amananii fi amanitiin isaanii'llee qulqullaawoma ta'ee worra isaanii laakkayamu maraaf, abba'a. Akkuma kana Abrahaam worra gadoomaniif'llee abba'a, worra gadoomaniif'llee abbaa sababaan ta'eef'llee gadoomuu isaanii qofaan uduu hin ta'in inni uduu hin gadoominiin duranatti, amantii ni jira ture horddofuu isaanii'llee dabalachu'uun. Abrahaamii fi fiixaa isaatii biyya lafaa akka dhaalu Waaqinni abddii ka kenneef, qulqullaawoma amanti'iin argateef malee, waayee seera raawwachuu isaatiifii miti. Dhaaltota abddi'ii isaa, namoota seera raawwatan yoo ta'an ammoo amantiin gatii hin qabaatu, abddiin'llee tasa ta'uu isaati. Seerri ka fidu dheekkamissa Waaqaati, seerri yoo jiraachuu dhabaate garuu, irra dabrruun seera balleessu'uu hin jiraatu. Kanaaf abddiin ka hundaaye amantii irratti ture, abddiin kun'llee fiixaa Abrahaamii maraaf Waaqaa irraa kennaa isaa ka bilisaatiin ka isaaniif kenname ta'uun isaa, kanaan mirkanaayee jira. Kun'llee namoota seera horddofan qofaaf uduu hin ta'in worra akka Abrahaamii amanan maraaf, akkaataa kanaan'llee Abrahaam abbaa nu mara keennaa ni ture. Waayee Abrahaamii, «Abbaa ummata baayi'ee si taasisee jira» jedhamee barreeffamee jira, abddiin kun'llee ka kenname isa worra du'an ka kaasuu fi ka hin jirre'llee akka jiraatu Waaqa taasisutti waan amaneef ture. Abrahaam fiixaa kee haalaan ni baayi'ata jedhamee akkuma itti himameen, abbaa ummata baayi'e'ee akka ta'u ka amanee fi abddii ka taasise, karaa abddiin woyiituu itti hin taasifaminneen ture. Umriin isaa gara woggaa dhibbaa ni gaya waan tureef, dadhabbii fooniitiin sababaa akka waan du'ee ta'utiin, finna uumachuu akka hin dandeennee fi Saaraan'llee dhabiddu'uu fi ta jaartte ta'uu isi'iitiin dayu'uuf akka hin dandeenne yoma beeke'llee, amantii isaatiin dadhabaa hin taane. Amantii isaatiin cimaa ta'ee Waaqaaf ulfinna ni kenne malee, abddii Waaqinni isaa kenne amanuu dhabu'uun, gonkumaa hin shakkine. Abddii Waaqinni isaa kenne'llee ka raawwatu ta'uu, onnee isaa guutu'uun ni amana ture. Kanaaf Abrahaamii amantiin isaa qulqullaayoma ta'ee ka lakkayameef. Garuu, «Qulqullaawoma ta'ee ni lakkayameef» dubbiin jedhu ka barreeffame, Abrahaamiin qofaaf uduu hin ta'in, nu'llee dabalataan, Gooftaa keenna Yesusiin Waaqa du'aa kaaseenitti worra amannu nu'uuf'llee, amantiin keenna qulqullaawomaa ta'ee nuuf ni lakkaayama. Gooftaan keenna Yesusiin kun'llee waayee cubbuu keennaatiif du'aaf dabarffamee ka kennamee fi nu'llee qulqullaayomssu'uuf, du'aa ka ka'e. Eegaa nu'u qulqullaawoma ka arganne amanti'iin waan ta'eef, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin, Waaqaan woliin nagaya ni qabnna. Garana gara amma amanti'iin jabaannee itti argaminnu gara kennaa isaa ka bilisaa kanatti ka aseenne isaan waan ta'eef, abddi'iin qoodamtoota ulfinna Waaqaa ta'uu keennaan, ufi ni dhaanna. Kana qofaan uduu hin ta'in rakkinni obissa akkuma nuuf argamisiisu waan beekinuuf, rakkinna keennaan'llee ufi ni dhaanna. Obissaan'llee qormmaataan dhaabachuu, dhaabachu'uu irra'llee, abddiin ni argama. Ka nuuf kenname karaa Hafuura Qulqullu'uutiin jaalalli Waaqaa onnee teenna keessatti waan guuteef, abddiin isaa hin saalfachiisu. Uduu dadhabiddoota taanee jirru yeroo Waaqinni murtteessetti, Kristos waayee cubbamootaatiif ni du'e. Bakka nama qulqullaawomaat bu'ee nama du'u argachuun haalaan rakkisa'a, ta'u'llee bakka nama misha'aa du'u'uuf ka uggu, yookiin ni argama ta'a. Garuu nu'u cubbamoota taanee uduu jirru, Kristos bakka keenna du'ee jira. Kun'llee Waaqinni nuu'uuf jaaltichi qabu hagam ol aanaa ta'uu isaa, ni hubachiisa. Ka qulqullaawomnne dhiiga Yesus Kristositiin yoo ta'e, irra caala'atti'llee dheekkamissa Waaqaa jalaa baayu'uuf ka danddeennu, karaa isaatiin. Nu'u diinota Waaqaa taanee uduu jirru, du'a Ilma isaatiin Waaqa woliin araaraminnee jirra, amma Waaqaan woliin eega araaraminneen duubatti karaa jireenna Ilma isaatiin, caala'attuu ni fayyina. Kana qofa'llee uduu hin ta'in Waaqaan woliin araara ka itti arganne karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin'llee, Waaqaan ufi ni dhadinna. Sababaa nama tokkotiin cubbuun gara biyya lafaa ni aseene, sababaa cubbu'uutiin'llee duuti ni dhufe, akkuma kana naminni marrinuu cubbuu waan hojjateef duuti nama mara irratti ni dhufe. Seerri Muse'ee kennamu'uun duranatti cubbuun biyya lafaa keessa ni ture, haa ta'u malee seerri bakka hin jirretti cubbuun mataan isaatuu akka cubbu'uu titti hin lakkaayamu ture. Ta'u'llee akka Addaamii titti seera dabrru'uun cubbuu hojjachuu yoo dhabaatan'llee, worrummaan hojjatan'llee uduu hin hafin duutii Addaamiin irraa jala qabee haga Muse'ee titti, nama mara irratti ni moo'e. Aangoo ni argate. Addaamiin kun'llee Kristosii ufi durana dhufuuf, fakkeenna ni ture. Garuu kennaan Waaqaa ka bilisaa akka cubbuu namaatii miti, waayee cubbuu nama tokkootiin baayi'eewwan akkuma du'an, akkuma kana kennaa Waaqaa ka bilisaatii fi nama tokko sababii Yesus Kristositiin ka argame kennaan isaa ka bilisaa, baayi'eewwaniif ka irraa hafe ta'ee kennamee jira. Akkuma kana kennaan Waaqaa ka gati male'ee bu'aan fide ka kennaa bilisaa, bu'aa akka cubbuun nama tokkoo fideetiimiti. Sababaa cubbuu nama tokkootiin murttiin kenname adabbii ni fide, sababa cubbuu baayi'e'eetiin kennaan kenname ka gatii male'ee qulqullaawome ni fide. Sababaa cubbuu nama tokkootiin duuti nama mara irratti aangoo ni argate, kennaan Waaqaa ka bilisaa ka irraa guutee hafee fi kennaan gatii male'ee, ka qulqullaawan marrinuu nama tokko karaa Yesus Kristositiin, injifannoo taasisu'uun lubbu'uun ni jiraatan. Eegaa cubbuun Addaamii tokkoo adabbii murti'ii nama mara irratti akkuma fide, akkuma kana qulqullaawomaa hujii Kristosii tokkoo baayi'eewwan adabbii irraa bilisa isaan taasisee, jireenna ni kenna. Waayee ajajamuu dhabuu Addaamiitiin baayi'eewwan cubbamoota akkuma ta'an, akkuma kana waayee ajajamuu Kristositiin'llee baayi'eewwan, ni qulqullaawoma. Cubbuun akka baayi'atuuf jecha seerri ni dhufe, garuu haguma cubbuun baayi'ateen, kennaan Waaqaa ka bilisaa caala'atti ni baayi'ate. Kun'llee ka ta'eef waayee du'aatiin cubbuun akkuma mootome maratti, akkuma kana karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin jireenni bara baraa akka argamuuf, kennaan Waaqaa ka bilisaa qulqullaawoma kennu'uun, ni mootoma. Eegaa maal jenna ree? Kennaan Waaqaa ka bilisaa akka baayi'atuuf cubbu'uun jabaannee haa jiraannuu ree? Miti! nu'u haga waan du'aan fooyamu'uu titti cubbuu irraa ka fooyaminne taanee uduu jirru, attamitti cubbu'uun jabaannee jiraanna ree? Yesus Kristositiin woliin tokko ta'u'uuf worri cuuphamnne marrinuu, qoodamtoota du'a isaa'llee ta'u'uuf cuuphamuu keenna hin beekittan moo? Cuuphamaan isa woliin yeroo awwaalaminnetti qoodamtoota du'a isaa'llee taanee jirra, kanaaf Kristos ulfinna Waaqa Abba'aatiin du'aa akkuma ka'e, nu'llee jireenna haarawaan ni jiraanna. Du'aan isaatiin isa woliin akkana tokko yoo taane, akkuma kana du'aa ka'iinssaan isaatiin'llee, isa woliin tokko ni taana. Cubbamaan qaaminni keenna akka dhabamuu fi garbroota cubbu'uu ta'uun keenna akka hafuuf, qaaminni keenna moofaan Kristosiin woliin fannifamuu isaa ni beekinna. Naminni du'e cubbu'uuf bitamuu irraa bilisa. Eegaa Kristosiin woliin duunee isaan woliin lubbu'uun akka jiraannu, ni amanna. Kristos sababa du'aa ka'uu isaatiin deebi'ee akka hin duunee fi duuti'llee isa irratti aangoo akka hin qabnne, ni beekinna. Inni yeroo du'etti cubbuun isa irratti aangoo akka hin qabaanneef haala irra deebii hin qabnneen yeroo tokko du'ee jira, amma'llee lubbu'uun yoo jiraatu Waaqaaf ni jiraata. Eegaa isin haga waan du'iinsaa titti cubbuu irraa akka fooyamittaniitii fi karaa Yesus Kristositiin garuu, Waaqaaf lubbu'uun akka jiraattan yaadaa. Kanaaf cubbuun qaama keessan ka du'u irratti aangoo akka qabaatuu fi fedhaaf'llee bitamaa akka isin hin taasfinneef, hin eeyyamina'aafii. Akkuma kana kutaalee qaama keessanii meeshaa hujii hama'aa taasfttanii, cubbu'uuf akka bitamu hin taasisinaa, garuu du'aa kaatanii jiraattota akka taatan taasisu'uun mataa keessan Waaqaaf dhiyeessaa, kutaalee qaama keessan maraa'llee meeshaa qulqullumma'aa taasfittanii, Waaqaaf bitamisiisaa. Isin amma ka jiraattan kennaa Waaqaa ka bilisaatii gadi malee seeraa gadi waan hin ta'iniif, cubbuun isin bituun hin malu. Eegaa maal jenna ree? seeraa gadi ta'uun keenna hafee kennaa bilisaatii gadi waan taaneef, cubbuu haa hojjannu jechu'uu ree? Gonkumaa miti! Nama tokkoof tajaajilttoota taatanii ajajamu'uuf mataa keessan yoo dhiyeesitan, nama ajajamttaniif sanii tajaajilttoota ta'uu keessan ni beekitan, akkuma kana cubbu'uuf yoo ajajamittan du'a cubbuu isin irratti fiduuf tajaajilttoota ni taatan, Waaqaaf yoo ajajamittan garuu qulqullaayoma ni argattan. Isin durssitanii garboota cubbu'uu ni turttan, amma garuu barnnoota fudhattaniif onne'een ajajamuu keessaniin, Waaqaaf galanni haa ta'u. Garbummaa cubbu'uu jalaa bilisa baatanii, tajaajilttoota qulqullaawomaa taatanii jirttan. Ani akkana namaaf afaan galuun ka dubbadhu dadhabbinna yaada keessan irraa ka ka'een, durssa kutaawwan qaamota keessan battumma'aa fi tajaajilaa marri hama'aa taasfttanii akkuma dhiyeessitan mara, akkuma kana kutaawwan qaama keessan akka qulqullaayan tajaajilttoota qulqullaayomaa taasisa'aatii dhiyeessa. Garboota cubbu'uu yeroo turttanitti dirqamnni qulqullumma'aa raawwachu'uu isinitti hin dhagayamu ture. Eegaa, yeroo sanitti faayiddaa maal argattan ree? waan amma isin saalfachiisu malee faayiddaa woyiituu hin ariganne, muummeen waan kanaa'llee du'a. Amma garuu garbrummaa cubbu'uu jalaa bilisa baatanii jirttan, tajaajilttoota Waaqaa ta'uu keessaniin qulqullaayomaa ni argattan, muummeen Qulqullummaa'llee jireenna bara baraati. Cubbuu irraa gatiin argamu du'a, kennaan Waaqa irraa kennamu garuu karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin ka argamu, jireenna bara baraati. Yaa obboleeyyan! Kana hin beekittan ree? Ka dubbadhu namoota seera beekaniif, seerri nama irratti aangoo ka qabaatu haguma naminni lubbu'uun, jiru qofaaf. Fakkeennaaf dubarttiin heerumtte abbaan worraa isi'ii lubbu'uun haga jirutti, isaan woliin seeraan ta hidhamtte, abbaan worraa isi'ii yoo du'e garuu, seera ittiin hidhamtte irraa isiin bilisa. Kanaaf abbaan worraa isi'ii lubbu'uun uduu jiru dhiira bira'aa titti yoo heerumtte, sagaagalttuu ni jedhamtti. Abbaan worraa isi'ii yoo du'e garuu seera isa woliin ittiin hidhamtte irraa bilisa ni baati, dhiira bira'aa titti yoo heerumtte'llee sagaagalttu'uu miti. Yaa obboleeyyan haalli keessan'llee akkanuma, isin kutaa qaama Kristosii waan taataniif haga waan du'a irraa fooyamu'uu titti seera irraa fooyamittanii jirttan, kanaaf tajaajila Waaqaatiif firii akka daraarruuf worra Kirstosii du'aa ka'ee taatanii jirttan. Fedhii fooniitiin ni dedeebina yeroo turretti seeraan ka kaka'u hawwiin hamaan du'aaf firii akka daraarru, kutaawwan qaama keennaa keessatti ni hojjata ture. Amma garuu seera nu hidhee ka ture san irraa haga fooyamu'uu titti waan fooyaminneef hidhamiinssa seeraa jalaa bilisa baanee jirra, kanaaf ammaa achitti ka tajaajillu qajeelffama hafuura haarawaatiin malee, durssee ka barreeffameen qajeelffama seera moofa'aatiinii miti. Eegaa maal jenna ree? Seerri mataan isaatuu cubbu'uu ree? Miti! Garuu cubbuun maal ta'uu isaa akka beeku ka ana taasise seera. Seerri, «Hin hawwin!» uduu jechuu dhabaateetii, hawwiin maal akka ture ni beeku ture. Cubbuun ajaja seera irraa dhufeen carraa argatee, hawwii marrinuu ana keessatti akka kakaafamuuf ni taasise. Seerri yoo hin jiraatin garuu cubbuun waan du'e. Duraan seerri yeroo hin jirretti ani lubbu'uun ni jiraadha ture, ajajinni seeraa yeroo dhufetti garuu, ani du'ee cubbuun jireenna ni argate. Jireennaaf'llee ka kenname ajajinni seeraa, ana irratti du'a ni fide. Cubbuun ajaja seeraa sababa taasisee ana ni sobe, karaa ajajatiin'llee ana ni ajjeese. Kanaaf seerri Qulqullu'u, ajajinni'llee Qulqullu'uu fi sirri'i, misha'lle'e. Eegaa wonitti mishaa ta'e kun, ana irratti du'a ni fide jechu'uu ree? Miti! garuu cubbuun cubbuu ta'ee akka muldhatuuf karaa waan misha'aatiin du'a natti ni fide, kanaaf cubbuun karaa ajajaatiin caala'atti cubbamaa ni ta'e. Seerri hafuurawaa ta'uu isaa ni beekinna. Ani garuu garbcha cubbu'uu ta'u'uuf ka gurgurame, nama fooniiti. Ani waan raawwadhu hin beeku, waan jaaladhu raawwachuu dhiisee, waan jibbu ni raawwadha. Eegaa ani ka raawwadhu waan hin barbaanne yoo ta'e, seerri mishaa akka ta'e ragaa ni baya. Raawwachuu waan hin barbaanne ka raawwatu cubbuu ana keessa jiru malee, anaa miti. Ana keessa yookiin amala foonayaa anaa keessa wonitti mishaan woyiituu akka hin jirre ni beeka, waan mishaa raawwachu'uu fedhii yoma qabaadhe'llee, waan mishaa raawwachu'uuf danddeettii hin qabu. Raawwachu'uuf ka barbaadu waan mishaa hin raawwadhu, garuu ammoo waan hamaa hin barbaanne, ni raawwadha. Waan hamaa raawwachu'uuf hin barbaannee ka raawwadhu yoo ta'e, kana ka raawwatu cubbuu ana keessa jiru malee, anaa miti jechu'u. Kanaaf seerri hujii irra oolee ni arga, waan mishaa raawwachuu yoo barbaadu, waan hamaa raawwachu'uuf ni dirqama. Keessi qaama kiyyaa seera Waaqaatiin ni gammada. Haa ta'u malee seera sammuu kiyyaatiin wolitti bu'a'aa kutaawwan qaama kiyyaa keessatti ka hojjatu seera cubbu'uutiif hidhamaa ka ana taasisu, ka bira'aa laalchi fedhii uumamaa kutaawwan qaama kiyya ka uumamaa keessa akka jiran ni arga. Ani'llee nama dadhabaa attamiitii! Qaama kiyya du'aa kana jalaa'llee eennutu ana baasa? Karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin, ka ana fayyisu, Waaqaaf galanni haa ta'u! Eegaa ani sammuu kiyyatti, seera Waaqaatiif bitamaa yoo ta'u, amala kiyya ka fooniitiin seera cubbu'uutiif, bitamaa ta'ee jira. Kanaaf Yesus Kristosiin ka jiraatan, amma cubbuun hin qabaatan. Jireenna Yesus Kristosiin ariggamu ka kennu seerri Hafuura Qulqullu'u, seera cubbu'uu fi du'aa jalaa bilisa ana baasee jira. Dadhabinna amala ilma namaa irraa ka ka'een, seerri raawwachu'uuf waan hin danda'in Waaqinni taasisee jira, ilma ufii'llee fakkeennummaa foon cubbama'aatiin sababaa cubbu'uutiin ergee, foon isaatiin cubbuu murti'iin ni dhabamisiise. Kana'llee ka raawwateef fedhii fooniitiin uduu hin ta'in, hafuuraan ka dedeebinu nu'uun ajajinni seeraa ka sirrii ta'e akka raawwatamuuf. Fedhii fooniitiin ka jiraatan waan foonii, fedha hafuuraatiin ka jiraatan garuu waan hafuurawaa ni yaadan. Waayee waan foonii yaaduun du'a ni fida, waan hafuuraa yaaduun garuu jireennaa fi nagaya'llee ni fida. Waan foonii naminni yaadu Seera Waaqaatiif waan hin ajajaminnee fi ajajamu'uuf'llee waan hin dandeenneef, inni diina Waaqaati. Waan fooniitiif worri bitaman, Waaqa gammachiisu'uuf hin danda'an. Isin garuu Hafuurri Waaqaa isin keessa ka jiraatu yoo ta'e fedha Hafuuraatiin malee fedha fooniitiin hin jiraattan, Hafuura Kristosii naminni hin qabaanne'llee, inni ka gara Kristositii miti. Kristos isin keessa yoo ta'e yoma foon keessan'llee sababa cubbu'uutiin ka du'u ta'e'llee Waaqinni waan isin qulqullaawomsseef, hafuurri keessan jiraata'a. Yesusiin du'aa ka kaaseen Hafuurri Waaqaa keessa keessan yoo jiraate, Yesus Kristosiin du'aa kaaseen Waaqinni keessa keessan ka jiraatu karaa hafuura isaatiin, foon keessan du'aaf jireenna ni kenna. Kanaaf yaa obboleeyyan! jireenna keennatti dirqama ni qabnna, garuu dirqamnni kun fedha fooniitiin jiraachu'uufii miti. Fedhii fooniitiin yoo jiraattan ni duutan, garuu huminna Hafuura Qulqullu'uutiin, hujii keessan ka foonii yoo ajjeefttan, lubbu'uun ni jiraattan. Hafuura Waaqaatiin worri eemaraman marrinuu, ijoollee Waaqaati. Kanaaf, «Abbaa, yaa Abbaa keenna!» jettanii ka ittiin waamittan, hafuura finnumma'aa ni fudhattan malee, soda'aan jiraachu'uuf deebitanii hafuura garbumma'aa hin fudhanne. Hafuurri Waaqaa hafuura keennaan woliin ta'ee, ijoollee Waaqaa ta'uu keenna nu'uuf ragaa ni baya. Eega Ijoollee Waaqaa taane dhaalttota isaati, Kristosiin woliin'llee ni dhaalla, amma qoodamtoota rakkinna Kristosii yoo taane, maai'ii ammoo qoodamtoota ulfinna isaa ni taana. Rakkinni ammaa kun ufi durana ulfinna nutti muldhachu'uuf jiruun wol biratti yoo madaalamu, womaanuu wol qixxaayuu akka hin danda'aminnetti, ni laakkayaan. Uumaminni marrinuu muldhachuu ijoollee Waaqaa, hawwii ol aana'aan ni eeggatan. Uumaminni marrinuu tasa akka ta'uuf itti murtteeffamee jira, kun'llee fedha mataa isaatiin uduu hin ta'in, abddi'iin akka eeggatu ka taasise, fedhii Waaqa tiin. Abddiin'llee uumaminni mataan isaatuu garbummaa badi'ii jalaa bilisa bayee, ijoollee Waaqaa woliin qoodamaa bilisumma'aatii fi ulfinnaa akka ta'uuf. Uumaminni marrinuu bakka tokkotti haga adhaa titti sarddamaa ciniinisu'uutiin qabamee woyata irra jiraachuu ni beekinna. Garuu woyachuu irra ka jiru uumama qofaa miti, kennaa Hafuura Qulqullu'uu ka jalqabaa ka fudhanne, nu'llee wobii qaama keennaa ka ta'e ijoollee Waaqaa ta'iinsa abddi'iin eeggata'aa keessa qaama keennaa titti woyata irratti ni arggaminna. Nu'u ka fayyine abddima kanaan. Garuu abddii ka taasffannu ka muldhatu yoo ta'e abddii ta'uun ni hafa, waan muldhatuu eennutu abddii isa taasfata? Waan hin argine abddii yoo taasfanne garuu, obissaan ni eeganna. Akkuma kana attamitti kadhachuu akka nurraa malu waan hin beekinneef, Hafuurri Qulqulluun dadhabbii keennaan nu ni gargaara, woyata dubbi'iin ibisamu'uuf hin dandanda'aminneen'llee, nuuf ni kadhata. Onnee namaa Waaqinni qoratu, yaadinni Hafuura Qulqullu'uu maal akka ta'e ni beeka, Hafuurri Qulqulluun waayee amanttootaatiif ka kadhatu, akka fedhii Waaqaa titti. Worra Waaqa jaalatanii fi akka fedhii isaa'llee namoota waamamaniif, Waaqinni waan maraa mishumma'aaf, akka isaanii taasisu ni beekinna. Kun'llee sababaan ta'eef durssee worra isaan beeke ijoollee isaa akka fakkaatanii fi obboleeyyan isaa baayi'ee jiddu'utti'llee hangafa akka ta'uuf, Waaqinni durssee waan murtteesseef. Durssee worra murtteesse ni waame, worra waamee'llee ni qulqulleesse, worra qulqullaayomsse'llee isaan ni kabaje. Eegaa waayee waan kanaa maal jenna ree? Waaqinni nu'u woliin yoo ta'e eennutu nu mormmu'uuf dandda'a? Waaqinni Ilmi isaa tokkochaafuu uduu garaa hin laafin waayee keennaaf dabarssee eega kenne, attamitti Ilma isaa woliin waan maraa bilisaan nu'uuf hin kennine ree? Worra Waaqinni isaan filate eennutu isaan himataa? Ka isaan qulqullaayomssu'llee isa. Eennu ka muritteessu? Yesus Kristos isaanitti ni murtteessa ree? Inni waayee kennaaf ka du'e, du'aa'llee ka'ee mirga Waaqa Abba'aatiin ka taa'e, waayee keennaaf'llee ni kadhatu. Jaalala Kristosii irraa ka nu fooyuu dandda'u eennu? Rakkinna moo yookiin sarddama, ari'atama moo yookiin beela? Yookiin daara, yookiin galttee yookiin billaya? Kun'llee, «Waayee keetiif guyyama maratti ni ajjeeffaminna, akka hoolota qalamanii titti'llee ni laakkayamnne» jedhamee, akkuma barreeffame. Eegaa ka nu jaalate Kristosiin wonittoota kanniin maraa injifachu'uun, worra injifattootaa maraa ni caala. Kanaaf du'a'llee yoo ta'e, jireenna'llee yoo ta'e, maleyikkoota'llee yoo ta'an, worra aangoo qaban'llee yoo ta'an, ka amma jiru'llee yoo ta'e, ka maa'ii dhufu'llee yoo ta'e, humnnoonni'llee yoo ta'an, Ol fageenna ta'ee gad bu'iinssa umaminni kum'llee yoo ta'e Gooftaa keenna Yesus Kristosiin ka arganne, jaalala Waaqaa irra nu fooyu'uuf ka danda'u wonitti tokko'llee akka hin jirre mirkaneeffadhee jira. Kristosiin dhugaa ni dubbadha, hin sobu'lle'e, sammuun kiyya ka Hafuura Qulqullu'uun eemaramu'llee, akka ani hin sobinne naaf ragaa ni baya. Gaddi gudda'aa fi sarddaminni addaan hin cinne'llee, onnee tiyya keessa ni jira. Waayee namoota fooniin worra kiyya ta'aniitiif jecha, ani Kristosiin irraa fooyamee abaarssi Waaqaa uduu narra gaayee, ni jaaladha ture. Isaan Israa'eeloota, Waaqinni'llee isaan ijoollee isaa ni taasise, ulfinna isaa isaaniif ni ibise, waadaa'llee isaaniif ni aseene, seera isaaniif ni kenne, seera Waaqeffannaa dhuga'aa'llee isaanitti ni muldhise, dubbii abddi'ii'llee isaaniif ni kenne. Isaan dhaloota isaaniitiin abbootii gosaa irraa ka dhufan, Kristos'llee fooniin ka dhufe fiixaa isaanii irraayyi, inni ka maraayyuu oliiti, bara baraaf'llee Waaqa eebbifame, Ameen. Haa ta'u malee dubbiin Waaqaa diigamee jira jechu'uu miti, fiixaan Israa'eelii marrinuu Israa'eeloota dhuga'aatii miti. Akkuma kana fiixaan Abrahaamii marri'llee ijoollee Abrahaamiiti jechu'uu miti. Waaqinni Abrahaamiin, «Fiixaan kee ka siif bayu Yisihaaqiin» waan isaan jedheef. Kanaaf fooniin worri dhalatan ijoollee Waaqaatii miti, garuu fiixaa ta'anii ka isaaf laakkayaman, ijoollee dubbii abddi'ii qofa. Dubbiin abddi'ii ka Waaqinni kenne kun'llee, «Woggaa adhaa yeroo kanatti ni dhufa, Saaraan'llee ilma dhiiraa ni deetti» ka jedhu ture. Kana qofa'llee uduu hin ta'in Ribqaan abbaa gosa teennaa ka'e Yishaaqiin irraa ijoollee lakkuu yeroo ulfoofttetti, filannoon Waaqaa huji'iin uduu hin ta'in waamichaan ta'uu isaa ibisu'uuf, ijoolleen lamaan dhalachuu isaaniitii fi hamaa ta'ee mishaa raawwachuu isaaniitiin duranatti, Waaqinni Ribqa'aan, «Hangafnni maandha'aaf bitamaa ni ta'a» jedheen. Kun'llee, «Yaaqoobiin ni jaaladhe Esaawuuniin garuu ni jibbe» jedhamee, akkuma barreeffame. Eegaa maal jenna ree? Waaqinni ni dala jechu'uuf ni dandeenna ree? Waaqinni ni dala jechu'uuf gonkumaa hin danddeennu! Waaqinni Muse'een, «Ka dhiifama isaa taasisuu barbaaddeef ni dhiifama ni taasisaaf, ka gara laafu'uufii ka barbaadee'llee garaa ni laafaaf» jedheenii jira. Kanaaf filannoon Waaqaa ka argamu fedhii namaatii fi hujii namaatiin uduu hin ta'in, dhiifama Waaqaatiin. Sababa kanaan kitaaba qulquluu keessatti waayee nugusa Gibxii, «Si'iin huminnaa kiyya muldhisu'uu fi maqaan kiyya'llee arddii mara irratti akka beekamu taasisu'uuf, si mootomssee jira» dubbiin jedhu, barreeffamee jira. Kanaaf Waaqinni ka barbaadu ni qorataan, ka barbaade'llee morkkataa ni taasisaan. Kanaaf, «Fedhii Waaqaa mormmuu eennu'llee hin danda'u, eegaa, inni namoota hujii hamaa isaaniitiin maali'iif isaan gilndisa?» jettee, ana ni gaafatta ta'a. Ati yaa nama! Waaqaan woliin wol mormmu'uuf mirga maal qabdda? Meeshaan faaraa hojjataa isaatiin, «Maali'iif akkana taasfittee ana hojjatte?» jechu'uuniif, ni danda'aa ree? Faara hojjataan dhoqqee faaraa bifa tokko irraa meeshaa tokko ulfinnaaf, ka bira'aa ammoo tajaajila salpha'aaf akka oolu taasisee hojjachu'uuf, aangoo hin qabuu moo? Waaqinni dheekkamissa isaa muldhisu'uu fi huminna isaa'llee argisiisu'uuf barbaadee, ballesa'aaf ka qophaayan meeshaa dallansu'uu, baayi'ee isaanii obissee yoo jiraate maal beekkita? Kana'llee ka raawwate durssee ulfinnaaf ka isaan qopheesse, meeshaawwan dhiifamaatiif, baayi'inna ulfinna isaa muldhisu'uuf. Nu'u meeshaa isaa ka dhiifamaa'llee Yihudota qofa irraa uduu hin ta'in, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne keessaa'llee nu waamee jira. Kun'llee nabiyyicha Hoose'ii akkuma jedhame, «Ummata kiyya ka hin turin, ‹ummata kiyya!› jedhee, ni waamaan, ummata hin jaalatamin'llee, ‹ka jaalatame› jedhee, ni waamaan, isaan, ‹ummata kiyyaa miti› bakka jedhamantti, ‹ijoollee Waaqa jiraata'aa› jedhamanii, ni waamaman.» Isaayaas'llee akkana jechu'uun waayee Israa'eelii qoonqqa isaa ol fudhatee ni dubbata, «Laakkofssi ijoollee Israa'eelii akka cirracha garba ciisa'aa titti yoma baayi'ate'llee, isaan keessaa ka fayyan muraasonni qofa. Gooftaan uduu hin turin dadafaan biyya lafaa irratti, murtii ni kenna.» Akkuma kanaan Isaayaas, «Gooftaan hooma'aa fiixaa nuuf hanbbisuu uduu dhabaateetii, magaalonni Sodoomiitii fi Gamora'aa akkuma badan, nu'llee ni banna ture» jechu'uun, durssee dubbatee jira. Eegaa maal jenna? Qulqullaawoma ka hin horddofin Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne qulqullaawoma ni argatan, qulqullaawomnni kun'llee ka amantii irraa argamu. Garuu seera qulqullaawomnni argamisiisu Israa'eeloonni ni horddofan turan, seera raawwachuu dadhabuu isaaniitiin, gara qulqullaayomssaa hin geenne. «Waayee maali'iitiif gara qulqullaawoma hin gayin?» yoo jedhame, isaan qulqullmmaa argachu'uuf ka barbaadan amanti'iin uduu hin ta'in huji'iin waan ta'eef, kanaaf dhagaa gufanna'aatii ni gufatan. Kana'llee, «Kunoo, dhagaa namoota gufachiisu Xiyoon ni kaaya, dhagaan kun'llee namoota gufachiisu'uun, siidaa dhaga'aa ka kuffissu, ka isatti amanu garuu, hin saalfatu» jedhamee, akkuma barreeffame. Yaa obboleeyyan! Onnee kiyya keessa ka jiru hawwii ol aana'aa fi kadhannaan gara Waaqaa dhiyeessu, Israa'eeloonni akka fayyaniif. Qajeelatti beekkomissa ta'uu dhabuu isaati malee, isaan Waaqaaf hinaaffaa hafuuraa akka qaban, ani mataa kiyyaa raagaa ni baya. Karaa Waaqinni namoota ittiin qulqullaawomssu beekuu dhabuu isaaniitiin, karaa isaanii ka qulqullaawomaa ni horddofan malee, qulqullummaa Waaqaa hin horddofinne. Naminni marrinuu amanti'iin akka qulqullaayomuuf, seerri Kristosiin raawwatamee jira. Seera horddofu'uun waayee qulqullaawoma arigamuutiif Museen ka barreesse, «Seera ka raawwatu marrinuu lubbu'uun ni jiraata» ka jedhu. Waaqinni namoota amanti'iin waayee isaan qulqullaawomssu garuu, akkana jedhamee barreeffamee jira, «Onnee kee titti gara sami'ii eennutu baya?» hin jedhin, kun'llee Kristosiin buusu'uuf, yookiin onnee kee titti, «Gara siioolii titti eennutu bu'a?» hin jedhin, kun'llee Kristosiin du'aa kaasu'uuf. Akkuma kana akkana jedhamee barreeffamee jira, «Dubbiin Waaqaa si bira ni jira, gonkumaa afaan keetii fi onnee tee keessa ni jira» Dubbiin kun'llee, ka nu'u lallabunnu dubbii amanti'iiti. Yesus Gooftaa ta'uu isaa afaan keetiin yoo ragaa baatee fi Waaqinni du'aa akka isa kaase'llee, onnee tee titti yoo amanitte, ni fayyita. Naminni onnee isaa titti yoo amane ni qulqullwoma, afaaniin isaatiin'llee ragaa yoo baye ni fayya. Kitaaba Qulqulluu keessatti akkuma barreeffame, «Ka isatti amanu marrinuu hin saalfatu.» Eegaa Gooftaan tokkochi Gooftaa maraa waan ta'eef Yihudichaa fi Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne jidduu garaa garummaan woyiituu hin jiru, inni'llee worra isa kadhatan maraaf, eebba isaa baayi'essee ni kenna, «Ka Maqaa Goofta'aa waamu marrinuu ni fayya» jedhamee jiraatii. Garuu uduu itti hin amanin attamitti isa waamu'uuniif danda'an? Waayee isaa'llee uduu hin dhagayin, attamitti amanan? Barsiisaa male'llee ammo attamitti dhagayuu danda'an? Barsiisonni yoo hin ergamin hoo attamitti dubbii isaa barsiisu'uuf danda'an ree? Kun'llee, «Lallabddoonni oduu Gammachu'uu dhufuun isaanii, attam nama gammachiisaa!» jedhamee akkuma barreeffame. Garuu Isaayaas, «Yaa Gooftaa! Dubbii dubbanne eennutu nurraa fuudhe?» jedhee akkuma dubbatetti, marrinuu dubbii gammachu'uu hin fudhanne. Kanaaf, amantiin ka argamu dubbii gammachu'uu dhagayu'uun, dubbiin gammachu'uu'llee ka argamu, waayee Kristosii barsiisaa dubbatu irraayyi. Mee si haa gaafadhuu, eegasuu dubbii isaa hin dhageenne jechu'u ree? Kitaaba Qulqulluu keessatti, «Qooniqqi isaanii arddii mara irratti ni dhagayame, dubbiin isaanii'llee haga daangaa arddi'ii ni gaye» jedhamee akkuma barreeffame, dhugamaanuu dhagayanii jiran. Akkuma kana Israa'eeloonni dubbii isaa hin beekinne, jechu'uu moo? Kun ammoo akka hin jedhamnneef Museen durssee, «Ummata tufatameen hinaafsisee, isin ni dallanisiise, ummata hin hubanneen'llee, isaan ni dallanisiisa» jedhee jira. Isaayaas'llee, «Worra ana hin barbaadiniif ni argame, ‹Waaqinni eessa jira?› jedhanii worra ana hin gaafatanitti'llee, ni muldhadhe» jechu'uun, uggee dubbatee jira. Waayee Israa'eelootaa garuu, «Ka hin ajajaminnee fi ummanni hamaaleyyiin gara kiyya akka dhufuuf, guyyaa guutuu harka kiyya ni hiixadheef» jedha. Mee ammoo si haa gaafadhuu, Waaqinni ummata mataa isaa gatee jira ree? Gonkumaa hin gatinneen! Ani mataan kiyyaa Israa'eelcha, fiixaa Abrahaamiitii ka ta'e, gosa Biiniyaamiiti. Waaqinni durssee ummata filate hin ganneen, Kitaabnni Qulqulluun waayee Eliyaas maal akka jedhe, hin yaadattan ree? Akkuma kana Eliyaas ummata Israa'eelii Waaqa duranatti, maal jedhee akka isaan himate, hin beekittan ree? Yeroo sanitti Eliyaas, «Yaa Gooftaa! Nabiyyoota tee ni ajjeesan, furddoota kee'llee ni diigan, ana qofatu hafe, ana'llee ana ajjeesu'uuf ni barbaadan» jedhee ture. Waaqinni garuu maal jedhee isaa deebiseef? «Ba'aal ka jedhame Waaqa dharaatiif ka hin sagadin, namoota kuma torbaatamaa mataa kiyyaaf hanbiffadhee jira» jedheenii jira. Bara ammaa kanatti uduu ta'ee, kennaa isaa ka bilisaatiin filatamanii ka hafan Israa'eeloota muraasatu ni jiran. Filannoon kennaa isaa ka bilisaatiin yoo ta'e, huji'iinii miti jechu'u, huji'iin yoo ta'e ammoo, kennaan isaa ka bilisaa gati dhabeessa ni ta'a ture. Eegaa, bu'aan isaa maal ta'e? Israa'eeloonni waan barbaadan hin arganne, worri filataman garuu waan barbaadan ni argatan, worri hafan onnee isaanii ni jabeessan. Kun'llee, «Waaqinni onnee isaanii ni hadoochise, kanaaf haga adhaa titti ija isaaniitiin hin argan, gurri isaanii'llee hin dhagayan» jedhamee akkuma barreeffame. Daawiit'llee, «Nyaanni isaanii siibo'oo nama qabu, boolla nama kuffisu'llee ta'ee isaan haa makkaraarssu! wonitti badaan raawwatan, mataa isaanii irra haa gayu! Ijji isaanii akka hin argineef haa dukkanoofttu, hiin isaanii'llee yeroo maraa rakkinnaan gad haa gogu» jedhee jira. Mee irra deebi'ee si haa gaafadhuu, Yihudonni ka kufan deebi'anii akka hin muldhanne ta'aniiti moo? miti! sababa balleessaa Yihudotaatiin ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne fayyinna ni argatan, kun'llee ka ta'e Yihudonni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannetti akka hinaafan taasisu'uuf. Balleessaan Yihudotaa biyya lafaatiif eebba baayi'ee argamisiisee jira, kufaatiin isaanii'llee Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef eebba ta'ee jira, Yihudonni uduu fayyanii jiraataniitii ammoo, eebbi hagam baayi'ee ni ta'aa ture! Amma eegaa ka dubbadhu isin ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef, barataa ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee akkuma ta'uu kiyyaa titti'llee, tajaajila kiyyaan ulfinnatu natti dhagayama. Kana'llee raawwachuun kiyya Yihudota firoota kiyya ka foonii ta'an hinaafsisu'uuf. Haaluma kanaan'llee isaan keessaa tokko tokkoo fayyisu'uuf ni danda'a ta'a jechu'uun. Waaqinni isaan yeroo kuffisetti ummanni biyya lafaa ka bira'aa Waaqaan woliin yoo araarame, Waaqinni isaan yeroo adabutti, maalttu ka raawwatu isinitti fakkaata? kun ammoo haga waan du'aa ka'iinssati! Bukoo bifa tokkoo irraa kutaan jalqabaa ka Qulqullaayome qabu yoo ta'e, miciqaan marrinuu ka qulqullaawome qabu ni ta'a, akkuma kana hiddi muka tokkoo ka Qulqullaawoma qabu yoo ta'e, dameewwan isaa'llee ka qulqullaawoma qaban ni ta'an. Akka dameewwan muka ejerssaa ka dawo'oo ka ta'an Yihudonni muramanii uduu kufaniitii fi isin akka dameewwan muka ejerssaa ka bosonaa ka taatan, Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne bakka isaanii buutanii, qoodamtoota qabeennaa fi eebba isaanii uduu taatanii, isin Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irraa Yihudota akka dame'ee muramanii kufan irratti ufi hin dhaadinaa, yoo ufi dhaadan garuu isin dameewwan qofa waan taataniif, hiddi isin baadhata malee isin hidda ka hin baadhanne ta'uu keessan yaadadhaa. Garuu, «Dameewwan cacabanii wonitti kufaniif, ani bakka isaanii akka bu'uuf» ni jettan ta'a. Jechi keessan ammoo sirri'i, garuu isaan muramanii ka kufaniif amanuu dhabuu isaaniitiin yoo ta'u, isin wonitti jabaattanii dhaabattan amanuu keessaniin, eegaa sodaachuu malee, ufi dhaaduun isiniif hin barbaachisu. Waaqinni uumamaan Yihudota dameewwan ta'aniif, yoo garaa isaanii ka hin laafnne ta'e, isiniif'llee garaa hin laafu. Eegaa arjjoomnnii Waaqaatii fi sodaachisummaa isaa laalaa, sodaachisummaan isaa ka muldhisu worra kufan irratti yoo ta'u, arjjoomnni isaa ka muldhisu garuu isiniif, kana'llee ka raawwatu isa amanu'uun isatti amanu'uun jabaattanii yoo jiraattan, jabaachuu yoo dhabaattan garuu isin'llee muramttanii ni kufttan. Yihudonni amanuu dhabuu isaanii uduu dhabamisiisanii gara bakka isaanii ka durii titti ni deebi'an, Waaqinni gara bakka isaanii ka durii titti isaan deebisu'uuf ni danda'a. Isin Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne garuu, uumaamaan dameewwan muka ejerssaa ka bosonaa taatanii uduu jirttan, bakka keessan malee muka ejerssaa ka bosonaa taatanii uduu jirttan bakka keessan malee dameewwan muka ejerssaa ka dawo'oo Yihudonni ta'an ammoo, gara bakka isaanii ka durii titti deebi'anii, horddofuun attamitti isaaniif hin dandeenne ree! Yaa obboleeyyan! «Nu'u beekittota» jettanii ufi hin dhaadinaa, ka isinitti himu dhokissaan tokko ni jira, kun'llee harka diddoonni Israa'eelootaa haga muumme'eetiif uduu hin ta'in, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne marrinuu guutumma'aan gara Waaqaa haga dhufaniif ta'uu isaati. Eegaa bifa kanaan Israa'eeloonni marrinuu ni fayyan. Kanaaf'llee akkana jedhamee barreeffamee jira, «Fayyisaan Xiyoonii ni dhufa, fiixaa Yaaqoobii mara irraa'llee badumaa ni dhabamsiisa. Cubbuu isaanii'llee isaanii yeroo dhabamsiisetti, isaan woliin dubbiin waada'aa ka ani aseenuu kana.» Israa'eeloonni dubbii Wongeelaa fudhachuu dhabuu isaaniitiin, waayee keessan waayee faayidaa Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneetiif, diinota Waaqaa ta'anii jiran. Garuu karaa filanna'aatiin waayee abbootii gosatiin, isaan waaheloota Waaqaati. Waaqinni eega filatee fi kennaa isaa ka bilisaa eega kenneen duubatti, waan raawwateen yaada isaa hin jijjiiru. Isin Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne duranaan worra Waaqaaf hin ajajaminne ni turttan, amma garuu waayee ajajamuu dhabuu Yihudotaatiin, isin dhiifama Waaqaa argattanii jirttan. Bifuma isin dhiifama ittiin argattaniin isaan'llee dhiifama akka argataniif, isaan amma Waaqaaf worra hin ajajamnne, ta'anii jiran. Waaqinni dhiifama isaa nama maraatti muldhisu'uuf jecha, namoota maraa harka diddummaa isaaniitiin hidhamttoota akka ta'an, isaan ni taasise. Durummaan Waaqaatii fi ogummaan, beekkomissi'llee attam gadi fago'o! Murtiin isaa ka hin qoratamnne, karaan isaa'llee ka hin beekkaminne. Yaada Goofta'aa ka beeku eennu? «Gorssaa isaa ka ta'u hoo eennu? Waaqaaf ka liqeessuu fi ka liqeesseef'llee ka fudhatu, eennu?» Wonitti marrinuu ka argame isa irraa, isaan, isaaf, bara baraan ulfinni haa ta'u! Ameen. Eegaa yaa obboleeyyan! Waaqa ka gammachiisu, jiraata'aa fi kitimaa qulqullaawome qabu taasfittanii gara qabddan mara akka dhiyeesitaniif, maqaa Waaqa dhiifama taasisa'aatiin isin ni kadhadha, kun'llee ka qajeelluma dhiyeessuun isin irraa malu qabu, dhugaalessa tajaajila Waaqaati. Misha'aa fi ka gammachiisu muda maleessa ka ta'e'llee, fedhii Waaqaa beeku'uuf akka dandeettan sammuu keessan haaressu'uun jireenni keessan akka jijjiiramu malee, biyya lafaa kana hin fakkaatinaa. Dabalee'llee tokkoon tokkoon keessan haga amantii Waaqinni isiniif kenneetiin mataa gad qabataan yaadaa malee, haga barbaachisuu olitti waayee mataa keessaniitiif ufi tuulumma'aan hin yaadinaa jedhee, kennaa isaa ka bilisaa ka naaf kennameen isinitti ni hima. Qaama keenna tokko irra kutaalee baayi'eetu jira, tokkoon tokkoon kutaallee qaamaa'llee, hujii addaa ni qaba. Akkuma kana nu baayi'eewwan taanee uduma jirru Kristosiin qaama tokko, kutaalee qaama tokkoo akka ta'uu keennaatiin'llee, ufii keennaa wolitti maraaramnnee jirra. Kanaaf Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin ka nuuf kenne, kennaa adda addaa hujii irra haa oolichinuu, kennaan teenna dubbii Waaqaa labissuu yoo ta'e haga amantii keennaatiin, dubbii Waaqaa haa labissinuu. Kennaan teenna kaanniin tajaajiluu yoo ta'e, jabaatiinssaan haa tajaajilluu, kennaan teenna barsiisuu yoo ta'e, akka ta'utti haa barsiifinnu. Kennaan teenna gorssuu yoo ta'e haa gorssinuu, kennaan teenna arjjoomuu yoo ta'e onne'een haa arjjoomnnuu, kennaan teenna bulchuu yoo ta'e, jabeennaan haa bulchinuu, kennaan teenna garaa laafnna yoo ta'e, kanuma gammachu'uun haa raawwannuu. Fakkeessitummaa ka hin qabnne jaalala dhuga'aa qabaadhaa, waan hamaa jibbaa, waan mishaa horddofaa. Ufii keessan jaalala obboleeyyumma'aatiin wol jaaladhaa, ufii keessanii'llee wol kabaju'uuf wol dorgomaa, uduu hin dadhabin hafuura oo'e horddofu'uun Gooftaa tajaajilaa. Abddi'iin gammadaa, yeroo rakkinnaa titti obissaa, yeroo maraa kadhadhaa. Amanttoota obboleeyyan ta'an rakkinna isaaniitiin isaan gargaaraa, keessumumma'aan worra dhufan'llee ufitti fudhadhaa. Worra isin ari'an'llee eebbissaa, eebbisaa malee isaan hin abaarnaa. Worra gammadan woliin gammadaa, ka booyan woliin'llee booyaa. Ufii keessan yaada tokkoon wolii gala'aa jiraadhaa, mataa keessan ol qabuu irra ufi tuulummaa dhabamissiisa'aatii hiyyeessotaan woliin tokkumma'aan jiraadhaa, ufii keessan beekittota ufiin hin jedhinaa. Nama mara duranatti waan mishaa ta'e raawwadhaa malee, namoonni waan hamaa yoo isin irratti raawwatan, isin'llee deebifittanii waan hamaa isaan irratti hin raawwatinaa. Ka danddeettan yoo taate nama mara woliinuu nagayaan jiraachu'uuf, gara keessaniin'llee waan isin barbaachisu maraa raawwadhaa. Yaa obboleeyyan! Dallanissuu Waaqaaf dhiisaa malee, ufii keessan gadoo hin bayinaa, «Ka haloo bayuu fi gatii haloo'llee ka kafalu ana, jedha Gooftaan Waaqinni» jedhamee, barreeffamee jira. Waayee kanaa fudhachuu irra diinni kee yoo beelaye nyaachisiin, yoo dheebote'llee obaasiin, kana yoo raawwatte ibidda saalfi'iitiin ni gubddaan. Kanaaf waan hamaa waan misha'aan injifadhu malee, waan hama'aan hin injifatamin. Angoon kum'llee ka argamu fedhii Waaqaatiin waan ta'ee fi namoonni amma aangoo qaban'llee ka muudaman Waaqaan waan ta'eef, naminni marrinuu, aangoo qabeessa isaa oliitiif ajajamuu ni qaba. Kanaaf nama aangoo qabuun ka mormmuu marrinuu, ajaja Waaqaatiin ni mormma, ka hin ajajaminne marri'llee mataa isaa irratti, murtii adabbi'ii ni fida. Bulchitoonni ka sodaachisan hamaa raawwattoota malee, worra mishaa raawwatoota ta'aniifii miti, nama aangoo qabu akka hin sodaanneef ni barbaaddaa ree? Eegasuu waan mishaa ta'e raawwadhu, isaan irraa'llee galata ni argatta. Aangoo isaatiin waan mishaa akka si raawwatuuf ka muudame, tajaajilaa Waaqaati, ka aangoo qabu billaya ka hidhate tasaaf waan hin ta'iniif, hamaa raawwataa yoo taate ka aangoo qabu sodaadhu, inni hamaa raawwattoota adabu'uu fi haloo Waaqaa muldhisu'uun, Waaqa ni tajaajila. Kanaaf namoota Mootumma'aa ka aangoo qabaniif, ajajamuun isin irraa ni mala, ka ajajamittan'llee dheekkamssi Waaqaa waayee sodaachu'uu qofaaf uduu hin ta'in, waan sammuun keessan isin comatuuf ta'uu ni qaba. Gibira ka kafalttan'llee kanaaf, worri aangoo qaban hujii kana irratti ka bobba'an, Waaqa tajaajilu'uuf. Eegaa nama aangoo qabu ka ol aanaa ta'eef raawwatamuu waan qabu maraa raawwdhaa, gibirri ka isaan maluuf gibira, ashuuraan ka isaan maluuf ashuuraa kafalaa, sodaachuun ka maluuf sodaachuu, ulfinni ka maluuf ulfinna kennaa. Liqaan eennuutuu isin irra hin jiraatin, liqaan isin irra jiraachuun malu ufii keessan wol jaalachuu qofa haa ta'u, nama ka jaalatu seera ni raawwata. «Hin sagaagalin, hin ajjeessin, hin hatin, ka nama bira'aa ka ta'e woma kamiinuu hin hawwin!» ajajoota jedhanii fi ajajoota kaanniin mara'llee, «Nama akka mataa keetii taasisii jaaladhu» ka jedhu'llee, ajajuma tokko keessatti, wolitti qabamee ni argaman. Naminni ka jaalatu marrinuu ka jaalatu irratti waan hamaa hin raawwatu, kanaaf nama ka jaalatu seera maraa ni raawwata jechu'u. Eegaa hirribaa saa'aatiin itti dammaxxan amma gayuu isaa beekaa, duraan yeroo itti amanne irra amma guyyaan itti fayyinu caala'atti, gara keenna dhiyaatee jira. Halkan dabrra'aa jira, guyyaan'llee dhiyaatee jira, kanaaf hujii dukkanaan hojjatamu akka dhiisuuf, meeshaa woraanaa ka ifaa haa uffannuu. Gammachuu haga dhabeen, machi'iin, sagaagalaa fi wiriqachu'uun, wol mormiinssaa fi hinaaffa'aan uduu hin ta'in, akka namoota ifa guyya'aatiin jiraatanii titti, ufi toowanna'aan haa dedeebinuu. Kanaaf Gooftaa Yesus Kristosiin uffadhaanii malee, fedhii foon keessan guutu'uuf, hin yaadinaa. Isin jiddu'utti amantii isaatiin nama dadhabaa ta'e ufitti fudhadha'aanii malee, yaada isaa irratti mormmii hin kaasinaa. Fakkeennaaf naminni tokko waanuma kamiinuu nyaachu'uuf amanitii dandeesisu ni qabaata, amantii isaatiin naminni hin jabaatin garuu kuduraa qofa ni nyaata. Kanaaf woma kamiinuu naminni nyaatu nama hin nyaanne hin ashiniin, ka hin nyaatu'llee nama nyaatu irratti hin murtteessin, isa'llee Waaqinni ufitti fudhateenii jiraatii. Eegaa, nama bira'aa tajaajilaa irratti ka murtteessitu, ati eennu? Inni yoo dhaabate yookiin yoo kufe'llee, dhimma Goofta'aati. Gonkumaa Waaqinni isa dhaabu'uuniif waan danda'uuf, jabaatee ni dhaabata. Akkuma kana guyyaan tokko guyyaa bira'aa caala'atti kabajama'a jedhee ka yaadu ni jiraata ta'a, ka bira'aa ammoo guyyoonni marrinuu wol qixa kabaja ni qaban malee, guyyoota jidduu garaa garummaan hin jiru jedhee ni yaada. Eegaa wonittoota kana fakkaataniin tokkoon tokkoon namaa, waan onne'een itti amane haa raawwatu. Guyyaa tokko guyyaa bira'aa irra caalisisee ka kabaju yoo jiraate, kana raawwachuun isaa, ulfinna Goofta'aatiif jedheeti, nyaata kamiinuu ka nyaatu ulfinna Goofta'aatiif jedhee ni nyaata, waayee nyaata nyaatuutiif'llee Waaqa ni galateeffata, nyaata kamiinuu ka hin nyaanne ulfinna Goofta'aatiif jedhee hin nyaatu, nyaachuu dhabuu isaatiin'llee Waaqa ni galateeffata. Nu keessaa tokkoon tokkoon jireenni isaa ta'ee duuti isaa'llee, ka mataa isaatii miti. Yoo jiraanne Goofta'aaf ni jiraanna, yoo duune'llee Goofta'aaf ni duuna, kanaaf yoo jiraanne'llee, yoo duune'llee ka Goofta'aati. Kanaaf Kristos du'ee du'aa ka ka'e, Gooftaa jiraattotaatii fi worra du'aanii'llee ta'u'uuf. Eegaa, ati obboleessa kee irratti maali'iif murtteesita ree? yookiin obboleessa kee maali'iif tuffattaan? marri keennaa teessoo Waaqaa ka murti'ii durana ni dhaabanna. Sababinni'llee, «Ani jiraata'a jedha Waaqinni, naminni marrinuu jilbba isaatiin ana duranatti ni jilibbiiffata, arraba isaatiin'llee ani Waaqa ta'uu kiyya ragaa ni baya» jedhamee, barreeffamee jira. Kanaaf, tokkoon tokkoon keenna waayee hujii mataa keennaatiif Waaqaa duratti dhiyaannee, deebii ni kennina. Kanaaf tokkoon keenna tokko irratti hin murtteessin, garuu naminni kami'llee karaa obboleessaa isaa irra gufannaa yookiin gufuu kaayuu dhabu'uuf, ufi haa eeggatu. Wonitti tokkoon batti'ii jedhee nama yaaduuf wonitti sun isatti battii itti ni ta'aan malee, wonitti kumiiyyuu mataa isaa titti battii akka hin ta'in, ani Gooftaa Yesusiin beekee ni mirkaneessa. Ati waayee nyaata nyaatuun obboleessa keetitti gufuu yoo taate jaalalaan ka jiraatuu miti, kanaaf nama Kristos isaa du'eef waayee nyaata nyaatuun, akka badu hin taasisin. Eegaa isin biratti waan mishaa ta'e, kuunniin akka ashaniin hin taasisinaa. Mootummaan Waaqaa qulqullaawoma Hafuura Qulqullu'uun argamu, nagayaa fi gammachu'uuti malee, waayee nyaataatii fi dhugaati'iitii miti. Haala kanaan Kristosiin naminni tajaajilu Waaqa ni gammachiisa, nama biratti'llee ka galateeffame. Kanaaf nageenni ka ittiin argamuu fi ufii keennaa waan ittiin ijaaramnnu, haa horddofinnu. Waayee nyaataatii diiguu hin qabnnu. Nyaanni marrinuu Qulqullu'u, garuu nama bira'aa nyaata gufachiisu dogoggora. Kanaaf obboleessa kee gufachiisuu dhabu'uuf foon nyaachuu dhabuu yookiin daadhii dhuguu dhabuu, yookiin woma kamiinuu waan nama gufachiisu, raawwachuu dhabuun misha'a. Eegaa amaatitti kee kun si'ii fi Waaqa jiddu'utti haa ta'u, dhuga'a jedhee waan itti amanu yoo raawwatu naminni sammuun isaa isa hin gilndifinne ka galateeffame. Shakka'aa naminni nyaatu garuu gochi isaa amantii irratti ka hundaaye waan hin ta'iniif, itti ni murtteeffama, amanti'iin wonitti hin raawwatamin marrinuu cubbu'u. Nu'u amanti'iin cicimoo ka taane, dadhabbii dadhabiddootaa baadhachuu ni qabnna malee, mataa keenna qofa worra gamachiifnnu ta'uu hin qabnnu, tokkoon tokkoon keennaa naminni bira'aa amantii isaatiin akka jabaatuuf waan isa fayyaduu fi isa gammachiisu, haa raawwannuu. Kristos mataa isaa hin gammachiifinne, gonkumaa, «Arrabnni namoonni si ittiin arrabissan ana irratti ni bu'e» ka jedhu, jechi kitaabban Qulqullu'uu isa irra ni gaye. Kitaabban qulqulluuwwan irraa obissaa fi jajabeenna argannuun, abddii akka qabaannuuf, barsiisommi durssanii barreeffaman marrinuu, barnnootaaf akka ta'an barreeffamanii jiran. Waaqinni obissaa fi jajabeennaa ufii keessan, fakkeenna Yesus Kristosii horddofu'uun, tokkummaa woliin jiraachu'uu isiniif haa kennu. Akkuma kana Abbaan Gooftaa keenna Yesus Kristosii Waaqinni, onnee tokkoo fi jecha tokkoon akka isa kabajitaniin, isin haa taasisu. Kristos ulfinna Waaqaatiif isin akkuma ufitti fudhate, isin marri'llee tokko ka bira'aa, gammachu'uun ufitti haa fudhatuun. Kana'llee yoo dubbadhu Waaqinni abbootii durssaniif abddii kenne akka raawwatuu fi dhugaa ta'uun Waaqaa'llee akka beekkamuuf, Kristos tajaajilaa Yihudotaa ni ta'e jechu'uu kiyya. Kristos tajaajilaa Yihudotaa ka itti ta'e sababinni bira'aa'llee, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne Waaqa waayee dhiifama isaatiif akka isa galateeffataniif, kun'llee, «Kanaaf ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne jiddu'utti si ni galateeffadha, maqaa keetiif'llee faarfanna'aan galata ni dhiyeessa» jedhamee, akkuma barreeffame. Dabalee'llee, «Isin Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne, ummata Waaqaa woliin gammadaa!» jedhamee, barreeffamee jira. Deebi'ee'llee, «Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne marrinuu! Gooftaa galateeffadhaa, ummatoonni marrinuu isa galateeffadhaa!» jedhamee, barreeffamee jira. Akkuma kana'llee Isaayaas, «Fiixaa Iseyiitii irraa ka dhalatu ni dhufa, durssaa ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee ta'u'uuf ni ka'a, isaan'llee abddii isaanii isa irra ni kaayatan» jedha. Abddiin keessan huminna Hafuura Qulqullu'uutiin guddata'aa akka deemuuf Waaqa abddi'ii, isa abddii taasfachuu keessaniin gammachu'uu fi nagaya, guutumma'aan isiniif ni kenna. Yaa obboleeyyan! Mishumma'aan ka guutamttan, beekkomissaan ka duroomittanii fi tokkoon tokkoon keessan'llee ka bira'aa gorssu'uuf, ka dandeettan ta'uu keessan hubadhee jira. Wonittoota tokko tokko isin yaadachiisu'uuf barbaadee ergaa kana akkaataa kennaa isaa ka bilisaa ka Waaqinni naaf kenneetiin, uggiinsaan isiniif ni barreesse. Kennaan isaa ka bilisaa kun'llee ka naaf kenname dubbii Waaqaa ka gammachu'uu ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannetti himu'uun akka qeesichaa ta'ee Yesus Kristosiin tajaajilu'uuf, kanaaf ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne Hafuura Qulqullu'uun ka Qulqullaawoma argatee fi kitimaa Waaqa'llee gammachiisu ta'anii akka dhiyaataniif ni tajaajila. Waayee kanaan Yesus Kristosiin Waaqa tajaajilu'uuf danda'uu kiyyaan, ufi ni dhaada. Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ajajamoota akka ta'an taasisu'uuf, Kristos dubbi'ii fi karaa hujii kiyyaatiin hujii hojjate yoo ta'e malee, womaayyuu dubbachu'uuf hin uggine. Akkuma kana baasota ol aanota ta'anii fi hujiiwwan maalale'eetiin, huminna Hafuura Qulqullu'uun'llee Yerusaalemii fi naannoo isi'iitii jala qabee haga biyya Iliwaarqoonii titti, wongeela Kristosii barsiisee jira. Hawwii kiyya ka yeroo maraa'llee bu'ura naminni bira'aa hunddeesse irratti ijaaru'uuf uduu hin ta'in, bakka maqaan Kristosii itti hin dhagayamin maratti, dubbii gammachu'uu lallabu'u. Kun'llee, «Asiin durana namoonni waayeen isaa womaayyuu isaatti hin himamin, ni argan, waayee isaa'llee worri hin dhagayin, ni hubatan» jedhamee, akkuma barreeffame. Haga ammaa titti gara keessan dhufu'uuf ka hin danda'in, waayee dhimma durssee dubbadheetiin. Amma garuu biyyoota naannoo kana jirantti bakkeewwan itti hojjadhu waan hin jirreef, akkuma kana woggoota baayi'e'ee kaasee'llee isin laalu'uuf, hawwii ol aanaa waan qabuuf, gara Isphaaniyaa yeroo deemutti, karama saniin isin laaluu'uuf'llee karoorffadhee jira. Yeroo muraasaaf isin woliin gammadee eega tureen duubatti, deemissa kiyya itti fufu'uuf ka gargaarssa ana dandeesisu akka naaf taasfttan, abddii ni taasisa. Amma garuu ummata Waaqaatiif ka kennu qarshii gargaarssa qabadhee, gara Yerusaalemii ni deema. Kun'llee Maqedooniya'aa fi Akaayiya'atti ka argaman worri Waaqaa hiyyeeyyii Yerusaalemiin jiraniif gargaarssa qarshi'ii ergu'uuf, fedhii isaaniitiin waan murteessaniif. Gargaarssa kana'llee fedha isaaniitiin ka arjooman dirqqama isaanii ta'uu isaatiin, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne isaan'llee eebba isaanii ka fooniitiin, dirqama Yihudota gargaaru'uu ni qaban. Kanaaf qarshii wolitti qabame ka gargaarssaa kana gara Yerusaalemii fudhadhee, eega kenneen duubatti karaa keessaniin dabrree, gara Isphaaniyaa ni deema. Gara keessan yeroo dhufutti'llee eebba Kristosii guutumma'aan isiniif qabee, akka dhufu ni beeka. Yaa obboleeyyan! Waayee kiyyaaf gara Waaqaa kadhachu'uun woldhaanssoo kiyyaan akka ana gargaarttaniif, Gooftaa keenna Yesus Kristositii fi jaalala Hafuura Qulqullu'uutiin, isin ni kadhadha. Ka anaaf kadhattan'llee namoota arddii Yihuda'aa jiran, worra hin amanne harkaa akka bayuu fi tajaajilli Yerusaalemitti qabu'llee, worra Waaqaa biratti fudhatama akka qabaatuuf. Kun'llee eega ta'een duubatti fedha Waaqaa yoo ta'e, gammachu'uun gara keessan dhufee, isin woliin boqachu'uuf ni jaaladha. Waaqinni nagayaa isin mara keessan woliinuu haa ta'u! Amen. Feebeen woldaya amanti'ii magaalaa Keenkiryaa titti ta tajaajilttu, obboleettii teenna amanamittuu ta'uu isi'ii, akka beekittan ni jaaladha. Isiin anaa fi kaanniin'llee namoota baayi'ee ta gargaaritte waan taateef, amanittoota keessummoota ufitti fudhachuun akka bifa isin irra jiruu titti, maqaa Goofta'aatiin waan isaan barbaachisu maraanuu, akka isii gargaarttaniif yaboo ni jedha. Hujii Yesus Kristositiin hirmmaattota kiyya ta'uuf Phrisqiila'aa fi Aqiilaa, nagaya naa dhiyeessaa. Isaan bakka kiyyaaf du'umaaf'llee ka qophaayan ni turan, kanaan'llee yeroo maraa isaan ni galateeffadha, ana qofa uduu hin ta'in ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irraa gara kristaanumma'aa amanttoonni deebi'an'llee dabalataan, isin ni galateeffatan. Amanittoota mana isaanii titti wolitti qabamaniif'llee, nagaya naa dhiyeessaa. Kutaa konyaa biyya Asiya'aa titti jalqaba Kristostti ka amanee ka jaaladhu Epheenexoostti, nagaya naa dhiyeessaa. Isiniif'llee baayi'ee ka dadhabidde, Maariyaamtti'llee, nagaya naa dhiyeessaafii. Ana woliin hidhamanii worra turanii fi ergamittoota jiddu'utti'llee firoota kiyya Yihudota beekkamittoota turaniif, Anronikosii fi Yuniyaasiif nagaya naa dhiyeessaa, isaan Kristostti amanu'uun ana durssa. Goofta'aan ka isa jaaladhu Amphiliiyaaxosiif'llee nagaya kiyya naa dhiyeessaa. Hujii Kristositiin hirmmaataa keenna ka ta'e, Urbaanoosii fi Isxaakisii jaaladhuuf'llee, nagaya naa dhiyeessaa. Kristosiin ta'uu isaa qormaatamee ka ragaayeef Aphelesiif nagaya naa dhiyeessaa, maatii Arisxobuloosii worra ta'aniif'llee, nagaya naaf dhiyeessaa. Fira kiyya ka Yihudicha ta'e Heerodiyoniif'llee nagaya naa dhiyeessaa, maatii Naarksosii keessaa Goofta'atti worra amananiif'llee nagaya naa dhiyeessaa. Tajaajila Goofta'aatiin worra dadhaban Truufaayinne'ee fi Truufosaaf'llee, nagaya naa dhiyeessaa. Tajaajila Goofta'aatiin haalaan ta dadhabiddee fi ta Kristosiin jaaladhuun, Pharsiisiif nagaya naa dhiyeessa. Gooftaa tajaajilu'uun haalaan ka beekkame Ruufoosiif'llee nagaya naa dhiyeessi, ana akka finna isi'ii titti ana jaalatti ta turtte, haadha isaatiif'llee nagaya naa dhiyeessaa. Asinkriixosii fi Fileegoon, Hermeesiif'llee, Phaaxrobaasiif, obboleeyyan isaan woliin jiraniif'llee, nagaya naa dhiyeessaa. Filologoosiif, Yuliya'aaf, Neryoosii fi obboleettii isaati'iitiif'llee nagaya naa dhiyeessaa, akkuma kana olimphaasii fi amanittoota isaan woliin jiran maraaf, nagaya naa dhiyeessaa. Akkaataa wol dhungoo Qulqullaawome qabuun nagaya wol gaafadhaa. Woldeenni Kirstosii ka amanti'ii marrinuu nagaya isaaniif ni dhiyeessan. Yaa obboleeyyan! barsiisa fudhattaniif Mormmitoota ta'uun jidduu keessantti, garagar qoodamu'uu fi rakkinna namoota fidan irraa ufi eeggadhaa, isaan irraa'llee fagaadhaa! Namoonni bifa kanaa kunniin mataa isaanii malee Gooftaa keenna Kristosiin hin tajaajilaniin. Jechoota lallaafaa ta'an ka nama jajaniin onnee namoota gara laafeyyi'ii ni soban. Dubbii Wongeelaatiif ajajamittoota ta'uun keessan namoota mara birattuu waan beekkameef gammade'llee, garuu waan misha'aaf ogeessota, waan hama'aaf garuu gara laafeyyii akka taataniif ni barbaada. Kana yoo raawwattan Waaqinni nagayaa dadafee sheexana miila keessan jalatti, isiniif ni cacabssa. Kennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii, isin woliin haa ta'u. Hirmmaataan hujii kiyyaa Ximotewos'llee nagaya isiniif ni dhiyeessa, akkuma kana Yihudonni firoota kiyya ka ta'an, Luuqiyoosii fi Iyaason, Sosiiphaaxrosin'llee nagaya isiniif ni dhiyeessan. Ergaa kana ka barreesse ani Xerxiwos'llee Goofta'aan, nagaya isiniif ni dhiyeessa. Anaa fi woldaya amanti'ii ka asi jiru maraa ka keessummeessu Gaayos nagaya isinii ni dhiyeessa, qarshii qabaa magaalatti'ii ka ta'e Erasxos, obboleessi keenna Qaarxoos'llee, nagaya isinii ni dhiyeessa. Kennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii, isin mara woliin haa ta'u. Ameen. Dubbii gammachu'uu ka ani lallabuun ergaan waayee Yesus Kristositiif dabarffamuu fi bara duriitii jalaqabee dhokatee ka ture, amma garuu ka muldhate karaa dhossaa dhuga'aatiin, inni amantii keessaniin akka dhaabattan isin taasisu'uuf ni danda'a. Amma garuu dhugaan kun muldhatee jira, ajaja Waaqeffannaa bara baraatiin marrinuu amananii akka ajajamaniif karaa kitaabban nabiyyootaatiin, ummattoonni marrinuu akka isa beekaniin taasfamanii jira. Inni qoftti ogummaa ka qabu Waaqa tokkoof, Yesus Kristosiin bara baraaf galanni haa ta'u! Ameen. Fedhii Waaqaatiin barataa Yesus Kristosii ta'u'uuf ka waamame Phaawulosii fi obboleessa keenna Sostenesiin irraa, Magaalaa Qorontoosii titti ta argamttu woldaya amanti'ii ka Waaqaatiif, keessa isi'ii titti'llee Kristos Yesusiin worra qulqullaayanii fi worra qulqullaayomota akka ta'aniif waamamaniif, akkuma kana bakka marattuu isaanii fi nu'uu Gooftaa ka ta'e, maqaa Gooftaa keenna Yesus Kristosii worra waaman maraaf, Abbaa keenna Waaqaa fi Gooftaa keenna Yesus Kristosiin irraa kennaan bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u. Yesus Kristosiin kennaa isaa ka bilisaa waan isinii kenneef sababa keessaniin, yeroo maraa Waaqa ni galateeffadha. Waan maraanuu haasayaan ta'ee beekkomissaan, Kristosiin duroomitanii jirttan. Ragummaan waayee Kristositiif isinitti himnne, isin biratti cimee dhaabattee jira. Kanaaf muldhachuu Gooftaa keenna Yesus Kristosii eeggachu'uun yeroo jiraattantti, kennaan hafuurayaan woyiituu isin irraa hin dhidhatu. Deebi'ee dhufaatii Gooftaa keenna Yesus Kristositiin ashaa malee taatanii akka arggamttaniif, inni haga muumme'ee titti jabaattanii akka jiraattan isin ni taasisa. Ilma isaa Gooftaa keenna Yesus Kristosiin woliin tokkummaa akka qabaattaniif, Waaqinni isin waame ka amaname. Yaa obboleeyyan! «Garar bayiinssi jidduu keessan hin jiraatin, marri keessanuu woliigalttanii yaada tokkoo fi kaayyoo tokkoon, jabaadhaatii jiraadhaa!» jedhee, maqaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin isin ni kadhadha. Yaa obboleeyyan! Jidduu keessan wol dhabbiin jiraachuu isaa, maatii Kole'ee irraa dhagayee jira. Kun'llee, isin tokkoon tokkoon keessan, «Ani ka Phaawulosiiti, ani ka Apholosiiti, ani ka Phexirosiiti, ani ka Kristositi» ni jettan. Eegaa Kristos garagar qoodamee jiraa ree? Phaawulos hoo waayee keessaniif fannifamee jiraa ree? Yookiin ka cuuphamttan, maqaa Phaawulosiitiin moo? Ani Qeeriisphosii fi Gaayosiin malee isin keessaa eennuun'llee waan hin cuuphiniif, Waaqa ni galateeffadha. Kanaaf, «Ana maqaa Phaawulosiitiin cuuphamttanii jirttan» jedhee, dubbachuu ka danda'u hin jiru. (Dhuga'a, maatii Isxifaanosiin'llee cuuphee jira, kanniiniin ala ani naminni cuuphe, jiraachuu isaa hin yaadadhu,) Kristos ka ana erge dubbii wongeelaa akka barsiisuuf malee akka cuuphuufii miti, fannoon Kristos tasa ta'ee akka hin hafinneef dubbii wongeelaa ka barsiisu, ogummaa haasaya namaa irraa argameenii miti. Dubbiin fanno'oo namoota badaniif akka gowwumma'aa titti ni laakkayama, worra fayyinu nuu'uuf garuu huminna Waaqaati. «Ogummaa worra ogeessotaa ni balleessa, beekkomissa worra falaasamootaallee ni dhabamissiisa» jedhamee barreeffamee jira. Eegaa, ogeessi eessa jira? barsiisaan seeraa eessa jira? qorataan hoo eessa jira? Waaqinni ogummaa biyya lafa tanaa gowummaa taasisee hin jiruu ree? Namoonni biyya lafa tanaa ogummaa mataa isaaniitiin Waaqa beeku'uuf akka hin dandeenne Waaqinni ogummaa isaatiin isaanitti ni cufe, garuu akka gowumma'aa titti ka laakkayamu wongeela nu'u barsiifinnutti worra amanan fayyisu'uuf, fedhiin Waaqaa ta'ee jira. Yoomuu Yihudonni baasa argu'uuf ni barbaadan, namoonni Giriikii ammoo ogummaa ni barbaadan. Nu'u garuu, Kristosii waayee keennaaf fannifamuu isaa ni barsiifnna, kun'llee Yihudotaaf gufanna'a, namoota Giriikiitiif ammoo gowumma'a. Worra Waamamaniif garuu Yihudotaa fi ta'ee namoota worra Giriiki'iitiif'llee, Kristos huminna Waaqaatii fi ogummaa Waaqaati. Gowummaa Waaqaati jedhamee wonitti yaadamu ogummaa namaa ni caala, dadhabummaa Waaqaati jedhamee wonitti yaadamu'llee, huminna namaa ni caala. Yaa obboleeyyan! Waaqinni yeroo isin waametti namoota attamii akka turttan yaadadhaa, akka yaada namaa titti isin jiddu'uu baayi'eewwan ogeessota yookiin jajaboota yookiin namoota guguddoota hin turre. Waaqinni ogeessota saalfachiisu'uuf biyya lafaa titti akka gowootaa titti namoota laakkayaman ni filate, jajaboota'llee saalfachiisu'uuf jecha biyya lafaa keessatti worra akka dadhabddootaa titti laakkayaman filate. Waaqinni namoota biyya lafaa biratti ni jiran jedhamanii wonittoonni muldhatan akka waan hin jirree taasisu'uuf, biyya lafaa titti ka salphatee fi ka tuffatame tasa'llee ta'ee ka muldhatu ni file. Kana'llee ka taasiseef naminni kum'llee Waaqa duratti akka ufi hin dhaadanneef. Isin garuu Waaqinni Yesus Kristosiin woliin tokkummaa akka qabaattan isin ni taasise, kanaaf Waaqinni Yesus Kristosiin ogummaa keenna, qulqullaawoma keenna, qulqullummaa keennaa fi wobii keenna akka ta'u ni taasiseen. Eegaa akkuma kitaaba keessatti barreeffameen, «Ka ufi dhaadu Goofta'aan ufi haa dhaadu.» Yaa obboleeyyan! Gara keessan yeroo dhufetti waayeen Waaqaa ragaa ka baye, dandeettii haasaya kiyyaatii fi ogummaa falaasamaa kiyyaa muldhisu'uunii miti. Isin woliin yeroo turetti Yesus Kristosiin malee, keessummaanuu fannoo irratti fannifamee du'uu isaatiin alatti, waan bira'aa womaayyuu beekuu dhabu'uuf murtteessee ture. Kanaaf isin woliin yeroo turetti dadhabaa ta'ee soda'aa fi hollata baayi'ee irra ni ture. Haasofnni kiyyaa fi lallabnni kiyya'llee ogummaa namaatii fi haasayaa midhaassu'uun uduu hin ta'in, huminna Hafuura Waaqaatiin ka irkifame ture. Kana'llee ka raawwadheef amanitiin keessan ogummaa namaa irratti ka hundeeffame uduu hin ta'in, huminna Waaqaatiin ka irkifame akka ta'uuf. Garuu jireenna hafuuraatiin worra bilchaataniif dubbii ogumma'aa ni dubbanna, haa ta'u malee ka dubbannu ogummaa biyya lafa tanaa yookiin badii muumme'ee titti ka ta'u, ogummaa beekittota biyya lafa tanaatii miti. Nu'u ka dubbannu garuu Waaqinni durssee barootaan duranatti, ulfinna keennaaf ka qopheessee fi dhokatee'llee ka ture, dhokissaa ogummaa Waaqaati. Bittoota biyya lafa tanaa jiddu'uu ogummaa kana ka beeke eennu'llee hin jiru, beekaniinii ka jiraatan uduu ta'eetii Gooftaa ulfinnaa kana hin fannisaniiniiyyu ture. Haa ta'u malee kitaabanni, «Ijji namaa ka hin ariginiin, gurri namaa'llee ka hin dhagayin, onneen namaa'llee ka hin yaadin, Waaqinni worra isa jaalatuuf qopheessee jira» jedha. Nu'uuf garuu Waaqinni karaa Hafuura isaatiin dhossaa isaa nuuf ibisee jiraa, Hafuurri Waaqaa gad fagoo ka ta'e dhossaan Waaqaa uduu hin hafin, waan maraayyuu ni qorata. Waayee namaa ta'ee yoo ta'e hafuura mataa isaa malee, isa keessa yaada jiru ka beeku eennu? Akkuma kana Hafuura Waaqaa malee yaada Waaqaa ka beeku, eennu'llee hin jiru. Waaqa biraa waan nuuf kenname akka beekinuuf Hafuura Waaqaati malee, nu'u hafuura biyya lafa tanaa hin fudhanne. Kanaaf nu'u waan hafuurayaa namoota hafuurayootaaf ka barsiifnnu ogummaa nama irraa argannuun uduu hin ta'in, ogummaa Hafuura Waaqaa irraa argannuun. Hafuura Waaqaa ka hin qabnne nama foonii garuu kennaa Hafuura Waaqaa irraa ka kennamu fudhachu'uuf hin danda'u, ol aanaa ta'uun kenna'aa'llee ka qoratamu karaa Hafuura Waaqaatiin waan ta'eef, hubachu'uniif hin danda'u, gonkumaa kun isaaf gowummaa ta'ee itti ni muldhata. Hafuura Waaqaa ka qabu garuu waan maraa qorachuu ni danda'a, inni mataa isaa garuu eennuun'llee hin qoratamu. Kun'llee, «Yaada Goofta'aa eennutu beekuu danda'a ree? gorssuunii ka danda'u'llee eennu?» jedhamee, akkuma barreeffame. Nu'u garuu onnee Kristosii ni qabnna. Yaa obboleeyyan! Ani yoo isin barsiisu isin foonayootaa fi daai'mman hin jabaatin akka ta'uu keessan titti malee, foonayyoota akka ta'uu keessan tittii miti. Akka daai'mman nyaata jabaataa nyaachuu hin dandeennee waan taataniif, ani ka isin soore aanan malee nyaata jabaata'aa miti, amma'llee yoo ta'e isin nyaata jabaataa nyaachuu worra hin dandeenne. Isin amma'llee namoota fooniit, ufii keessan waan wolitti hinaafttanii fi waan wol mormmitaniif, namoota foonii ta'uu keessanii mitii ree? Ka hojjattan'llee akka nama akkanumaan jiruu tittii mitii ree? Tokko, «Ani ka Phaawulosiiti» kuun ammoo, «Ani ka Apholosiiti» yoo jedhu, isin akka nama akkanumaan jiruu ka biyya lafaa ta'uu keessan mitii ree? Haa ta'u malee Apholos maali'i? Phaawulos hoo maali'i? Isaan worra tajaajilttoota akka amanittan taasisan, tokkoon tokkoon isaanii'llee ka tajaajilan hujii Gooftaan isaaniitiif ramade irratti. Ani ni dhaabe, Apholos bishaan ni obaase, ka guddise garuu Waaqa. Kanaaf huji'iif ijoo ka ta'e Waaqa biqilttuu guddise malee, ka dhaabe ta'ee ka bishaan obaase'llee womaa miti. Ka dhaabe'llee ta'ee ka bishaan obaase'llee wol qixa, tokkoon tokkoon isaanii'llee akka hujii isaatiin gatii isaa ni fudhata. Nu'u tajaajilttoota Waaqaaf woliin hojjannu, isin'llee qonna Waaqaatii fi gamoo Waaqaati. Akkaataa kennaa bilisaa ka Waaqinni naaf kenneetiin akka kaabddicha qaruute'ee titti hunddee jala ni qabe, ka bira'aa'llee hunddee ani jala qabe irratti ni kaaba, tokkoon tokkoon namaa garuu san irratti attamitti akka kaabu, ufi eeggachuu qaba. Yeroo tokko hunddee hunddeeffame malee eennu'llee hunddee bira'aa hunddeessuu hin danda'u, hunddeen kun'llee Yesus Kristos. Hunddee kana irratti worqqi'iin yookiin meetaan, dhagaa gatii gudda'aatiin, jaalatama'aan, mukiin mukaan, margaan yookiin ibbiqiin ka ijaaru yoo jiraate, Guyyaan murti'ii ka hujiin tokkoo tokkoo namaa itti muldhatu ni dhufa, guyyaa sanitti hujiin tokkoo tokkoo namaa bifa kami akka ta'e, ibiddaan qoratamee ni muldhata. Kaabdichi tokko hujiin hunddee irratti hojjate ibiddaan qoratamee uduu hin miidhamin jabaatee yoo dhaabate, kaabdichi gatii isaa ni argata. Kaabdichi hujiin isaa ibiddaan jalaa gubatee dhabamisiifame garuu gatiin isaa jalaa ni hafa, haa ta'u malee inni mataan isaatuu ibidda keessaan dabrree, uduu hin gubatin akka nama hafuu titti ni fayya. Mana Waaqeffannaa Waaqaa ta'uu keessan fi Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraachuu isaa, hin beekittan moo? Eegaa naminni Mana Waaqeffanna'aa ka Waaqaa yoo diige Waaqinni isa ni diigaan, Manni Waaqeffanna'aa ka Waaqaa Qulqullu'u, Manni Waaqeffanna'aa kun isin. Eennu'llee mataa isaa hin sobinni, sadarkkaa ogummaa biyya lafaa kanaatiin ogeessa fakkaatee ka mulidhatu yoo jiraate, ogummaa Waaqaa ka dhuga'aa akka argatu mataa isaa akka gowwa'aa titti haa laakkayu. Ogummaan biyya lafa tanaa Waaqa duranatti gowwumma'a, kun'llee, «Waaqinni ogeessota daba isaaniitiin isaan ni qaba» jedhamee, akkuma barreeffame. Akkuma kana, «Gooftaan yaanni ogeessotaa tasa ta'uu ni beeka» ka jedhu, barreeffamee jira. Kanaaf wonitti marrinuu keessan waan ta'eef, eennu'llee namaan hin dhaadatin. Phaawulos'llee yoo ta'ee, Apholos'llee yoo ta'e, Phexirosiin'llee yoo ta'e, biyya lafaa'llee yoo ta'e, jireenna'llee yoo ta'e, du'a'llee yoo ta'e, ka jiru'llee yoo ta'e, ka ufidurana dhufu'llee yoo ta'e, marrinuu keessan. Isin garuu ijoollee Kristosiiti, Kristos'llee Ilma Waaqaati. Eegaa naminni marrinuu nu'u tajaajiltoota Kristosii akka taane, dhossaa Waaqaa'llee ibisu'uuf yaboon ka nutti kenname worra yaboo fudhanne itti gaafataminni ka nuuf kenname, akka taane taasisee nu lakkaayuun ni mala. Worri yaboon baayi'eewwan itti kenname'llee amanamoota ta'anii argamuu qaban. Waayee kiyya yoo ta'e isin'llee yoo natti murtteessitan yookiin namoonni bira'aa yoo natti murtteesse, womaayyuu miti. Dhugamaanuu ani matama kiyya irrattuu murtteessu'uuf hin danda'u. Ani akka beekutti yoo taate Sammuun kiyya ana hin gilndisu, kun'llee ani qulqulluu ta'uu kiyya hin hubachiisu, garuu ka ana irratti murteessuu Gooftaa qofa. Kanaaf yeroon uduu hin gayin, Gooftaan murti'iif uduu hin dhufniin duranatti eennuun irratti'llee hin murteessinaa, inni yeroo dhufutti dhossaa dukkana keessatti dhokate gara ifaa titti ni baasa, yaadinni onnee namoota keessatti dhokate'llee ni muldhisaan, yeroo sanitti tokkoon tokkoonuu Waaqa biraa galata barbaachisaa ni argata. Yaa obboleyyaan! Isin faayyadu'uuf jedhee dhimma kanaan anaa fi Apholosiin akka fakkeennaa taasisee ni dubbadhe, kana'llee ka taasiseef, «Ka barreeffame irra hin dabrrin!» hiikkaa gorssa jedhuu, nurraa akka barattaniif jedheeti. Kanaaf nama ufi dhaadu'uu fi ka bira'aa garuu tuffachuun hin malu. Ati kaanniin maali'iin caalitta? Wonitti kaanniin irraa hin fudhatin maalttu jira? Eegaa, waan maraa ka fudhatte kaaniin irraa eega taate, akka nama hin fudhatinii maali'iif ufi dhaadda? Amma garuu waan isin barbaachisu maraa argattanii jirttan, dureeyyii'llee taatanii jirttan, nu irraa fooyamittanii mootomttanii jirttan, dhugamaanuu mootomttanii uduu jiraattaniitii ammoo, nu'llee isin woliin waan mootomnnuuf mootomuun keessan mishaa ni ta'a ture. Waaqinni nu'u ergamittota isaa gara bakka duuti isaanitti murtteeffamee itti ajjeefamanii namoota fudhataman jiddu'uu, worra muumme'ee ka nu taasise natti fakkaata, kana irraa'llee ka ka'een biyya lafaa maratti maleyikkaa ta'ee namoota duranatti, akka waan laalamuu taanee ni muldhanna. Nu'u waayee Kristositiif jennee gowwoota taanee jirra, isin garuu Kristosiin ogeessota taatanii jirttan, akkuma kana nu'u dadhabiddoota taanee jirra, isin garuu jajaboota taatanii jirttan, isin worra kabajamittan taatanii jirttan, nu'u garuu worra salphate taanee jirra. Amma'llee yoo ta'e haga saa'aatii kanaa titti ni beelofnna, ni dheebonna, ni daarrale'e, ni dhaanaminna, mana itti gallu'llee dhabu'uun asii fi achi ni xaarra. Harkuma keennaan hojjata'aa ni dadhabnna, yoo nu abaaran ni eebbifnna, yoo nu ari'atan ni obissina. Yoo nu arrabsanii fi maqaa keenna'llee yoo balleessan, mataa gad qabataan isaaniif ni deebifnna, haga ammaa titti waan kufa'aa fi haramaa arddi'ii taanee jirra. Ani kana ka isiniif barreessu akka ijoollee tiyya ka jaalatamttanii taasisee isin gorssu'uuf yaadeeti malee, isin saalfachiisu'uuf jedheetii miti. Yoma Kristosiin durssitoota baayi'ee qabaattan'llee abbootii baayi'ee hin qabdan, ani garuu wongeela Kristos Yesusiitiin isin uumadhee jira. Kanaaf fakkeennummaa kiyya akka horddofttaniif, isin ni kadhadha. Waan kanaan kanaaf jaalatamee fi ka amaname Goofta'aan ilma kiyya ka ta'e Ximotewosiin isinii ergee jira, bakka maraa fi woldayoota amanti'ii marattuu akkuma barsiisu, Kristosiin ka argadhe qajeelcha jireenna haarawaa isin yaadachiisa. Garuu isin keessaa tokko tokko waan ani isin laalu'uuf hin dhufinne isaanitti fakkaatee, ufi tuulumma'aan guutamanii jiran. Haa ta'u malee fedha Goofta'aa yoo ta'e yeroo gabaaba'atti gara keessan ni dhufa, yeroo sanitti haasaya ufi tuulttota sanniinii qofa uduu hin ta'in, huminna isaanii'llee beekuu ni barbaada. Mootummaan Waaqaa haasayaa uduu hin ta'in, huminna Waaqaati. Ka barbaaddan maali'i? Ulee adabbi'ii qabadhee gara keessan akka dhufuuf barbaadan moo? Yookiin jaalalaa fi hafuura mataa gad qabataatiin, akka dhufu barbaaddan? Jidduu keessantti saalfachiisaan hujiin sagaagalumma'aa jiraachuun isaa ni odeeffama, hujiin sagaagalummaa akkanaa kun Ummatuma Waaqa dhuga'aa titti hin amanne jiddu'utti'llee ka hin raawwataminne, kun'llee haadha worraa abbaa isaa haadha worraa isaa taasisee ka jiraatu ni jira jedhamee jira. Eegaa wonitti qaanessaan akkanaa kun jidduu keessan uduu jiru, maali'iif ufi jajan ree? Kana irraa waan kanaan gadduun isin irra hin jiru moo? Hujii akkanaa kana nama raawwatu jidduu keessan dhabamisiisaa. Yoma ani qaama fooniitiin isin woliin jiraachuu dhabe'llee, hafuuraan garuu isin woliin ni jira, akkuma waan isin woliin jiruu ta'ee hujii bifa kana nama raawwate irratti, maqaa Gooftaa Yesus Kristositiin itti murteessee jira. Yeroo wol geettanitti ani'llee huminna Gooftaa keenna Yesus Kristositiin, hafuuraan jidduu keessantti waan argamuuf, cubbu'uun ka guuttame foon nama kanaa akka diigamuuf, sheexanaaf dabarsitanii isa keennuun isin irraa ni mala. Kana'llee ka raawwattan Gooftaan Yesus guyyaa murti'iif itti dhufutti, lubbuun nama kanaa akka fayyituuf. Eegaa ufi dhaaduun keessan misha'aa miti, shiishaan diqqoon miciqaa mara akkuma bukeessuun ni beekkittanii mitii ree? Akkuma amma taatan mara akka miciqaa shiishaan keessa hin jirree akka miciqaa haarawaa akka taataniif shiishaa moofaa dhabamisiisaa, hoolaa keenna ka Faasika'aa ka ta'e Kristos kitimamee jira. Kanaaf dabaa fi hammeenni ka itti guuttame shiishaa moofa'aan uduu hin ta'in, shiishaan ka keessa hin jirre qixxaa qajeelumaatii fi dhuga'aatiin ka shiishaan keessa hin jirreen, ayyaana keenna haa kabajannuu. Asiin durana ergaa isinii barreesseen sagaagalttootaan woliin hin hirmmaatinaa, isiniin jedhee ture. Kana'llee yoo jedhu wolumaagalaan sagaagalttoota biyya lafa kanaa yookiin namoota haafayoota yookiin hattoota yookiin Waaqa harkaan hojjatame waaqeffattoota woliin hin hirmmaatinaa jechuu kiyyaa miti, akkana yoo ta'e ammoo biyya lafaa keessaa bayuu isin barbaachisa ture jechu'u. Ani garuu ka isiniif barreesse Kirstaanota jedhamanii worra sagaagalan, yookiin worra haafayan, yookiin worra Waaqa harkaan hojjatame waaqeffatan, yookiin maqaa namaa worra balleessan, yookiin worra machaayan, yookiin saamttotaan woliin hin hirmmaatinaa jedheeti. Namoota akkana jiran kanniin woliin, nyaata woliin hin nyaatnaa. Tokkummaa Kristaanumma'aatiin ala namoota jiran irratti murteessu'uuf, ani eennuu? Waayee namoota tokkummaa kristaanumma'aa keessa jiranii, isinuu murteessu'uuf ni dandeettanii mitii? Waayee namoota ala jiraniitiif ka murteessu Waaqa, eegaa akka kitaabnni jedhu «Nama hamaa jidduu keessanii baasaa.» Isin keessaa tokko obboleessa isaa ka kristaana ta'e woliin yoo wol dhabe, dhimmicha kristaanonni murti'iin akka laalan taasisuu irra, himanna'aaf gara mana murti'ii ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee deemu'uuf, attamitti uggama? Namoonni Waaqaa biyya lafaa irratti akka murteessan hin beekittan moo? eegaa, biyya lafaa irratti ka murteessitan yoo ta'u, waan diqqoo kana irratti murteessuun isin ni dhiba ree? Maleyikkootuma irrattuu akka muriteessinu hin beekittan moo? Eegaa wonittoota biyya lafaa kana irratti nu'u caala'atti muriteessuu attamitti hin dandeenne ree? Eegaa ufii keessan yoo wol dhabiddan tokkummaa kristaanumma'aatiin ala worra ta'anii fi namoota tuffataman duranatti, dhimma keessan attamitti dhiyeessitan? Kana ka jedhu'uuf akka saalfattaniif jedheeti, haa ta'u malee obboleeyyan jiddu'utti murtii kennu'uuf ka danda'u jaarssi hubattanii hin argamu moo? Eegaa, kirstaanni tokko krirstaana bira'aa himatee gara mana murtii Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee, fiduun isaan ni malaa ree? Gonkumaa ufii keessan wol himattanii wol mormmuun mataan isaatuu, isiniif salphinna, kana irra isin uduu miidhamttanii hin woyyuu ree? Akkuma kana isin uduu sobamttanii isinii hin woyyuu ree? Isin garuu obboleeyyan keessan kristaanota ta'an irratti'llee, miidha'aa fi sobiinssa ni raawwattan. Hamaaleyyiin Mootummaa Waaqaa akka hin dhaalle ni beekitanii mitii ree? Waan kanaan hin sobaminaa, yookiin Waaqa harkaan hojjatame waaqeffattoonni, yookiin sagaagalttoonni, yookiin worri dhiiraan woliin sagaagalummaa raawwatan, yookiin hattoota, yookiin haafayoota, yookiin machoofttota, yookiin worra maqaa namaa balleessan, yookiin saamttonni, Mootummaa Waaqaa hin dhaalan. Isin keessaa'llee tokko tokkoon keessan akkuma kana turttan, ammaa garuu maqaa Gooftaa Yesus Kristositii fi hafuura Waaqa keennaatiin cubbuu irraa miicamttanii jirttan, Waaqaaf'llee ka addaan baye ummata Qulqulluu taatanii jirttan, qulqullaayomttanii'llee jirttan. «Wonitti marrinuu naaf eeyyamamee jira» Garuu wonitti marrinuu ana fayyada jechu'uu miti, wonitti marrinuu naaf eeyyamamee jira, haa ta'u malee waan kamiifuu garbcha ta'ee hin bitamu. «Nyaanni gara'aaf, garaan'llee nyaataaf» Eegaa, Waaqinni nyaataa fi garaa'llee ni balleessa, garuu qaaminni keenna Gooftaa Yesusiif, Gooftaan Yesus'llee qaama keennaaf waan ta'eef, qaama keenna sagaagalumma'aaf oolichuun hin malu. Waaqinni Gooftaa Yesus Kristosiin du'aa kaaseenii jira, nu'llee huminna isaatiin du'aa ni kaasa. Qaaminni keessan kutaa qaama Kristosii ta'uu isaa ni beekittanii mitii ree? Eegaa, kutaa qaama Kristosii fuudhadhee, kutaa qaama dubarttii sagaagalttu'uu akka ta'u taasisu'utu narraa malaa ree? Gonkumaa hin malu! Dubarttii sagaalttuu woliin naminni wol qunnamu isii woliin qaama tokko ta'uu isaa ni beekittanii mitii ree? «Lamaanuu qaama tokko ni ta'an» jedhamee, barreeffamee jiraatii. Gooftaa Yesusiin woliin naminni hirmmaatu garuu, isaan woliin Hafuuraan tokko ni ta'a. Kanaaf sagaagalummaa irraa fagaadhaa, cubbuun naminni raawwatu ka bira'aa marrinuu qaama isaatiin alatti ka raawwatamu, sagaagalummaa naminni raawwatu garuu qaama mataa isaa irratti cubbuu hojjata. Qaaminni keessan Waaqa irraa ka fudhattanii fi isin keessa'llee ka jiraatu Mana Waaqeffannaa Hafuura Qulqullu'uu ta'uu isaa ni beekittanii mitii ree? Eegaa isin ka Waaqaati malee ka mataa keessaniitii miti. Inni gati'iin isin bitee jira, kanaaf qaama keessaniin Waaqa kabajaa. Waayee gaafii naa barreessitaniitiif, Naminni dubarttii woliin wol qunnamittii uduu taasisuu dhabaatee misha'a. Garuu sagaagalummaa irraa fagaachu'uuf tokkoon tokkoon dhiiraa haadha worraa mataa isaa haa qabaatu, tokkoon tokkoon dubarttii'llee abbaa worraa ka mataa isi'ii haa qabaattu. Abbaan worraa haadha worraa isaatiif raawwachuu ka qabu mirga isi'ii ka fuudhaa heerumaa hin dhoogatiniin, akkuma kana haati worraa abbaa worraa isiitiif raawwachuu ka qabddu, mirga isaa ka fuudhaa hin dhoogatiniin. Haati worraa qaama isi'ii irraa mirga hin qabddu, qaama isi'ii irratti mirga ka qabu abbaa worraa isi'iiti. Akkuma kana abbaan worraa qaama isaa irratti mirga hin qabu, qaama isaa irratti mirga ka qabddu haadha worraa isaati. Kadhanna'aan jabaachu'uuf lamaan keessanuu woliigalttanii yeroo murttaayeetti yoo ta'e malee, gargar bayu'uun tokko ka bira'aa mirga isaa ka fuudhaa fi heerumaa hin dhoogatin. Sababa kanaan'llee mataa keessan toowachuu dadhabiddanii Sheexanni akka isin hin qoranneef, deebi'aatii woliin jiraadhaa. Kana garuu ka isiniin jedhu akka gorssaa titti malee, akka ajajaa tittii miti. Naminni marrinuu akka kiyya haadha worraa uduu hin fuudhin uduu jiraatee ni jaaladha ture, garuu tokkoo tokkoo isaaniitiif Waaqinni kennaa adda addaa kenneefii jira, tokkoof kennaa bifa tokkoo, ka bira'aatiif'llee kennaa bifa bira'aa ni qaba. Worra hin fuudhinii fi akkuma kana dubarttoota abbaan worraa isaanii irraa du'aniif'llee ka jedhu akkana, uduu hin heerumin akka kiyya ta'anii uduu jiraatanii misha'a. Garuu hawwii fooniitiin gubachuu irra fuudhuun waan ka woyyaa qabu, mataa isaanii toowachuu yoo dadhaban haa fuudhan. Worra fuudhanii fi yookiin heerumaniif garuu ajajin ani kennu kana, ajajin kun'llee ka Goofta'aati malee kiyyaa miti, dubarttiin heerumtte abbaa worraa isi'ii biraa hin fooyamin, yoo fooyamitte garuu uduu hin heerumin adda isi'ii haa jiraattu, yookiin abbaa worraa isi'ii woliin haa araaramttu, akkuma kana abbaan worraa'llee haadha worraa isaa hin hiikin. Kaanniiniif garuu Gooftaa uduu hin ta'in ani mataan kiyya ka jedhu akkana, naminni kristaanaa tokko haadha worraa ta kristaana hin ta'in yoo qabaatee fi isa woliin jiraachu'uuf yoo barbaadde isii hin hiikin. Dubarttiin kristaanaa abbaa worraa ka kristaana hin ta'in yoo qabaattee fi isii woliin jiraachu'uuf yoo barbaade hin hiikin. Abbaan worraa ka kristaana hin ta'in sababaa haadha worraa isaa ta kristaana taateetiin nama Waaqaa ni ta'a, haati worraa ta kristaana hin ta'in'llee waayee abbaa worraa isi'ii ka kristaana ta'eetiin, nama Waaqaa ni taati, akkana ta'uu yoo dhabate ammoo, ijoolleen keessan ijoollee Waaqaa ta'uuf hin danda'an, bifa kanaan yoo jiraattan ijoolleen keessan namoota Waaqaati. Garri kristaana hin ta'in fooyamuu yoo barbaade haa fooyamu, yeroo kanatti garuu garri kristaana ta'e abbaa worraa ta'ee haadha worraa, dirqama bifa kamiitiinuu hin qabamu. Waaqinni ka nu waameef nagayaan akka jiraannuuf. Ati yaa dubarttiin kristaanaa, abbaa worraa kee ka kristaana hin ta'in yookiin yoo ka fayyifttuun taate maal beekitta? Ati'llee dhiirri kristaana taate, haadha worraa tee ta kristaana hin ta'in yoo ka fayyifttuun taate maal beekitta? Tokkoon tokkoonuu kennaa Gooftaan isaa kennee fi haala yeroo Waaqinni isa waame keessa tureen haa jiraatu, qajeelchi woldaya amanttootaa maraaf kenne kana. Naminni kumi'llee eega gadoomeen duubatti ka waamame yoo ta'e akka waan hin gadoominii ta'uuf hin yaadin, uduu hin gadoomin ka waamame yoo ta'e'llee, gadoomuu hin barbaadin. Gadoomuu ta'ee fi gadoomuu dhabuun'llee gatii hin qabu, wonitti ijoon ajaja Waaqaa raawwachu'u. Kanaaf tokkoon tokkoon namaa haala yeroo Waaqinni isa itti waameetiin haa jiraatu. Yeroo Waaqinni si waametti garba turtte ree? Yoma taate'llee womaa miti, itti hin sarddamin, carraa bilisa bayu'uu yoo argatte garuu, carraan kun si harkaa hin bayin. Garbicha ta'ee uduu jiru Goofta'aan naminni waamame, Gooftaan bilisummaa argatee jira, akkuma kana bilisa ta'ee uduu jiru naminni waamame, garbicha Kristositi. Waaqinni gati'iin waan isin biteef garbootaa namaa hin ta'inaa. Kanaaf yaa obboleeyyan tokkoon tokkoon namaa haala yeroo waamame irra tureen, Waaqaan woliin achuma haa jiraatu. Waayee namoota hin fuudhiniitiif ajaja Gooftaa irraa fudhadhe hin qabu, garuu akkaataa dhiifama Goofta'aatiin ka amaniti'iin narratti kaayamu akka ta'uu kiyyaatiin, yaadinni mataa kiyyaa akkaataa itti aanee jiru kana, Yeroon amma keessa jirru yeroo rakkinnaa waan ta'eef uduu hin fuudhin adda ufii jiraachuun, mishaa natti fakkaata, Ta'u'llee haadha worraa fuutee yoo jiraatte hiiku'uuf hin barbaadin, haadha worraa hin fuune yoo ta'e ammoo, fuudhu'uuf hin barbaadin. Garuu ati haadha worraa yoo fuute cubbuu sitti ta'a jechu'uu miti, akkuma kana durbbi duudaan takka abbaa worraa titti yoo heerumtte, cubbuu isi'itti ta'a jechu'uu miti. Haa ta'u malee namoonni fuudhan biyya lafaa kanatti rakkinni jireenni baayi'een isaan ni qunnama, hawwiin kiyya'llee rakkinna kana jalaa akka baataniif. Yaa obboleeyyan! Ani ka isiniin jedhu akkana, barri gabaabatee jira, ammaa achitti naminni haadha worraa qabu, akka waan haadha worraa hin qabnnee ta'ee haa jiraatu. Worri haadha worraa qaban'llee akka waan hin qabnee ta'anii, haa jiraatan. Ka gaddan'llee akka waan hin gaddinee, ka gammadan'llee akka waan hin gammadinnee ta'anii haa jiraatan, meeshaa worri bitan akka worra meeshaa hin qabnnee taasisanii, haa laakkayan. Qabeenna biyya lafaa kanatti ka fayyadaman marrinuu, akka waan itti hin fayyadaminnee ta'anii haa jiraatan, haalli biyya lafaa ka ammaa kun dabrra'a. Kanaaf yaada kamiinuu uduu hin sarddamin akka jiraattaniif ni jaaladha, haadha worraa ka hin fuudhin Gooftaan waan ittiin gammadu waan barbaaduuf yaanni isaa ka xiyyeeffatu, hujii Gooftaa laalu irratti. Naminni haadha worraa fuudhe garuu ka yaadu waayee biyya lafa kanaatii fi waayee waan haadha worraa isaa ittiin gammachiisuuti. Haala kanaan yaanni bakka lamatti qoodamee jira jechu'u. Akkuma kana dubarttiin abbaa worraa titti hin heerumin yookiin durbbi duudaan, foon isi'iitii fi lubbuu isi'iitiin'llee ta Goofta'aaf Qulqullaayome qabddu ta'uuf waan barbaadduuf, yaanni isi'ii ka xiyyeeffatu hujii Gooftaa laalu irratti. Dubarttiin heerumtte garuu gammachiisuufka yaaddu, waayee biyya lafaati. Ani kana ka isiniin jedhu siibo'oo keessa aseenttanii akka rakkattaniif jedhee uduu hin ta'in, akka fayyadamittaniif jedheeti, hawwiin kiyya'llee isin haala barbaachisaa ta'een akka jiraattanii fi yaanni keessan uduu hin baashayin, onnee teessanitti Gooftaa akka tajaajilttaniif. Naminni tokko qaadhimaa isaa fuudhuu dhiisu'uuf eega murtteesseen duubatti, kana raawwachuun isaa intalatti'iif waan mishaa ka hin raawwatin ta'uun yoo itti dhagayame, kanaan duubatti'llee isii fuudhu'uuf fedhiin inni qabu cimaa yoo ta'ee fi wol fuudhuun isaanii'llee sirrii yoo isatti fakkaate, akkuma hawween yoo isii fuudhe cubbuu isaatti hin ta'u, kanaaf wol haa fuudhan. Garuu naminni tokko onnee isaa titti yoo cimee fi wonitti dirqisiisaan yoo ka itti hin jiraannee, fedha isaa toowachuu yoo danda'ee fi qaadhimaa isaa fuudhuu dhiisu'uuf yoo murtteesse, mishaa raawwate. Kanaaf haadha worraa ka fuudhu mishaa ni taasisa, ka hin fuune garuu waan fooyyayaa ni raawwata. Haati worraa abbaan worraa isi'ii lubbu'uun haga jirutti, seera fuudhaa heerumaatiin ta hidhamtte, abbaan worraa isi'ii eega du'e garuu, ka barbaaddetti heerumu'uuf isiin bilisa, ta'u'llee naminni isiin itti heerumttu kristaana ta'uu qaba. Iaalicha kiyyaan garuu abbaa worraa titti uduu hin heerumin adda isi'ii uduu taatee caala'atti gammaddee ni jiraatti, ani'llee Hafuurri Waaqaa kana naan jedhe natti fakkaata. Waayee foon Waaqa harkaan hojjatameef qalamee yoo ta'e, sirri'i, «Nu marri keennaa beekkomissa ni qabnna» Haa ta'u malee beekkomissi ufi nama tuulchisa, jaalalli garuu nama ijaara. «Beekkomissa ni qaba» jedhee naminni yaadu yoo jiraate, haga beekkamuu qabu amma'llee hin beekinne. Waaqa naminni jaalatu garuu, Waaqa biratti ka beekkame ni ta'a. Kanaaf foon Waaqa harkaan hojjatameef qalame waayee nyaachu'uu yoo taate, Waaqinni harkaan hojjatame lubbuu ka hin qabnne akka ta'ee fi Waaqa tokko malee Waaqinni bira'aa akka hin jirre ni beekinna. Yoma Waaqa uduma hin ta'in waaqolee harkaan hojjataman jedhamanii ka waamaman waaqoleen baayi'een harkaan hojjataman fi goofttoleen sami'ii fi arddii irra ni jiran jedhame'llee, Waaqinni keenna garuu uumaa waan maraatii fi nu'llee ka isaa worri taane Waaqa Abbaa tokko qofa, akkuma kana wonitti marrinuu ka isaan uumamee fi nu'llee ka isaan jiraannu, Gooftaan tokkochi Yesus Kristosiin qofa. Garuu kana ka beekan maraa miti, tokko tokko haga ammaa titti Waaqa sobaan hojjataman waaqeffachuu waan barataniif, foon ka nyaatan akka waan Waaqa harkaan hojjatamaniif qalamee taasisaaniiti, kanaaf sammuun isaanii dadhabaa ta'uu isaatiin ni battaayan. Ta'u'llee garuu gara Waaqaa ka nu dhiyeessuu nyaataa miti, yoo nyaachuu dhabaanne'llee wonitti nurraa dhidhatu woyiituu hin jiru, yoo nyaanne'llee bu'aan nu buufannu woyiituu hin jiru. Haa ta'u malee bilisummaan keessan kun amanti'iin namoota hin jabaatniif gufannaa akka isaanitti hin taaneef, ufi eeggadhaa. «Beekkomissa qaba» jettee, Waaqa harkaan hojjatameef mana waaqeffanna'aa titti ka qalame yoo nyaattu, naminni namaniti'iin hin jabaatin yoo si arge, gochi kee kun namichi Waaqa harkaan hojjatameef ka qalame akka nyaatuuf ni jajabeessanii mitii ree? Kanaaf «Ani beeka'a» jechu'uu keetiin ka Kristos isaa du'eef, ka amanitii isaatiin hin jabaatin kristaanni ni bada jechu'u. Haala kanaan obboleeyyan keessan ka kristaanaa miidhu'uu fi sammuu isaanii dadhabaa'llee madeessu'uun, Kristosiin ni miitan. Kanaaf nyaanni obboleessa kiyya ka kristaanaa ka gufachiisuun yoo ta'e, obboleessa kiyya akka hin gufachiifnneef gonkumaa foon hin nyaadhu. Ani nama bilisummaa qabuu mitii ree? Ani ergamittichaa mitii ree? Ani Gooftaa keenna Yesus Kristosiin hin argineenii ree? Isin hoo maqaa Gooftaa kiyyaatiin bu'aa hujii kiyyaa hin arginee ree? Goofta'aan chaaphaan mirkanneessaan ergatamummaa kiyyaa isin waan taataniif, yoma kaaniiniif'llee ergatamaa ta'uu dhabaadhe'llee isiniif garuu dhugamaan ergatama'a. «Mirga ergatamumma'aa hin qabddu» jedhanii, worri ana bagifatan yoo jiraatan, deebiin ani kennu kana, Nu'u mirga nyaataa fi waan dhugaati'ii argachu'uu hin qabnnu moo ree? Akka ergamittoota bira'aatii fi akka obboleeyyan Goofta'aa akka Phexirosii'llee, haadha worraa ta kristaanaa ufi duukaa qabadhee dedeebi'uuf mirga hin qabnnu moo? Yookiin huji'iin dadhaba'aa jiraachuu ka nu barbaachisu, Baarnaabaasii fi ana qofaa moo ree? Mindaa malee qarshii mataa isaatiin lolttumma'aan ka tajaajilu eennu? Woyinnii dhaabee firii isaa irraa ka hin nyaanne hoo eennu? Gobbuu tissa'aa aanan gobbu'uu ka hin dhuginne eennu? Kana ka dubbadhu yaaduma namaa qofaan moo ree? Seerri'llee akkana ni jedhaa mitii ree? «Qotiyyoo ayiidu afaan isaa hin hidhin!» jedhamee, seera keessatti barreeffamee jira, eegaa Waaqinni akkana ka jedheef, waayee qotiyyoota yaadu'uunii moo ree? Waaqinni kana ka jedhe nu'uuf yaadu'uunii mitii ree? qotee bulaan qotu abddi'iin akka qotuuf, ka ayiidu'llee abddi'iin akka ayiiduuf, bifa kanaan marrinuu gayee ufii akka argatu kun ka barreeffame, dhugamaanuu waayee keennaaf. Nu'u waan hafuurawaa ka isiniif facaafnne yoo ta'e, eebba keessan ka foonii yoo haaminne waan guddaa ta'uu isaatii moo? Kuunniin waan kana isin irraa qoodamu'uuf mirga ka qaban yoo taate eegaa, nu'u mirga kana caalu attamitti hin qabaanne ree? Nu'u garuu mirga kanatti hin fayyadaminne, kana taasisuun keenna'llee dubbii gammachuu Kristosii babaldhisuu irraa akka ufi duuba hin deebine yaadu'uun waan maraa obissinee, haa dandeennu jenneeti. Mana Waaqeffanna'aa keessatti worri tajaajilan nyaata isaanii Mana Waaqeffanna'aatii akka argatanii fi furdda irratti ciinccaa ka dhiyeessanii fi ka tajaajilan, ciinccaa irraa qoodamanii akka nyaatan, ni beekitanii mitii ree? Akkuma kana ammoo wongeela worri barsiisan nyaata isaanii hujima isaanii kana irraa, akka argataniif Gooftaan ajajee jira. Ani garuu mriga kanniin tokkottuu hin fayyadaminne, kana'llee ka barreesse mirgi kiyya kun maal'iif uduu naa hin kabajamin hafe? jechu'uunii miti. Naminni waan ani ittiin dhaadadhu tasa najalaa taasisuu irra, uduu du'ee naa woyya. Wongeela barsiisuun dirqqama kiyya waan ta'eef, waan ittiin dhaadadhuu miti, gonkumaa wongeela barsiisuu dhabaadhe, hayi uunishaa kiyya! Dubbii wongeelaa dirqama malee fedha kiyyaan yoo lallabe, gatii dadhabbi'ii ni qabaadha, dirqamaan yoo raawwadhe garuu, itti gaafatama yabo'oon natti kenname raawwadhe malee, ka bira'aa wonitti ani taasise woyiituu ni jira jechu'uu miti. Eegaa, gatiin dadhabbii kiyyaa maali'i ree? Eegaa gatiin dadhabbii kiyyaa wongeela waan lallabeef mirga qabu uduu itti hin fayyadamin, hujii wongeela barsiisu'uu mindaa malee bilisaan raawwachuu kiyya. Ani garbicha eennuu'llee uduu hin ta'in nama bilisa ta'e, haa ta'u malee haga naaf danda'ameen baayi'eewwan isaanii fayyisu'uun fayyadu'uuf jedhee, garbicha maraa ta'ee jira. Yihudota woliin yeroo ta'u Yihudota fayyisu'uuf akka Yihudichaa ni ta'e, seera jala ta'uu yoma dhabaadhe'llee, worra seera jala jiran fayyisu'uuf jecha, akka namoota seera jala jiranii ni ta'e. Ani Seera Waaqaa ka qabuu fi Seera Kristositii jala yoma ta'e'llee, Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ka seera hin qabnne fayyisu'uuf jecha, akka nama seera hin qabnnee ni ta'e. Amanti'iin dadhaboota worra ta'an fayyisu'uuf jecha, akka dadhabddootaa dadhabaa ni ta'e, waan haga danda'ameetiin muraasa isaanii fayyisu'uuf, maraan woliinuu waan maraa ni ta'e. Kana maraa raawwachuun kiyya eebba wongeelaa qoodamu'uuf, waayee wongeelaatiif jedheeti. Wol dorgommii fiigichaatiin akkuma marrinuu fiiganii fi isaan keessaa'llee tokko qoftti badhaasa akka fudhatu, ni beekittanii mitii ree? Kanaaf isin'llee badhaasa fudhachu'uuf fiigaa. Fiigichaan worri dorgoman marrinuu shaakala dadhabsiisaa ni taasisan, isaan akkanatti ka dadhaban ka baduu fi gonfata yero'oof ta'u argachu'uuf, nu'u garuu ka dadhabnnu ka hin badinnee fi gonfata bara baraa ka ta'e argachu'uuf. Ani garuu akka nama bakka gayu hin qabnnee tasatti hin fiigu, akka nama tontoommu'uun bubbee dhayuu titti, tasatti nama aggaamuu miti. Kanaaf kaanniin gara wol dorgommi'ii eega waameen duubatti, ani mataan kiyyaa wol dorgommi'iin ala ta'ee akka hin argaminneef, qaama kiyya toowata'aa akka naaf ajajamu ni taasisaan. Yaa obboleeyyan! Abbootiin keenna duumessi isaanii ol ta'ee isaan ni eemara akka turee fi marrinuu garba ciisaa diimaa akka ce'an, isin yaadachiisuu ni jaaladha. Hirmmaatota Muse'ee ta'uuf'llee, duumessa kanaa fi garba ciisaa kanatti cuuphaman. Marrinuu nyaata hafuura bifa tokkoo ni nyaatan. Marrinuu dhugaatii hafuuraa ka bifa tokkoo ni dhugan, ka dhugan'llee isaan horddofa ka ture siidaa hafuuraa san irraa ka burqqee ture, siidaan dhaga'aa sun'llee mataa isaatuu Kristosiin ture. Kana'llee ta'ee Waaqinni baayi'eewwan isaanii titti hin gammanne, kanaaf reeffi isaanii gammooji'itti kufee hafe. Isaan waan hamaa akkuma hawwan nu'llee waan hamaa akka hin hawwineef, kun marrinuu nuuf fakkeenna ufi eeggana'aa ni ta'a, «Namoonni nyaachu'uu fi dhugu'uuf taa'an, hagaa olitti fandalalu'uuf ni ka'an» jedhamee waayee isaanii akkuma barreeffametti, isaan Waaqa harkaan hojjatame akka waaqeffatan isin'llee, akka isaanii Waaqa harkaan hojjatame hin waaqeffatinaa. Isaan keessa tokko tokko cubbuu sagaagalumma'aa akka hojjatan nu'llee cubbuu sagaagalumma'aa hojjachuu hin qabnnu, kana raawwachuu isaaniitiin isaan keessaa namoonni kuma diddamii sadihii, guyyaa tokkoon du'anii jiran. Isaan keessaa'llee tokko tokko akkuma Gooftaa qormmaataniin fi bofaan iddamanii akkuma du'an, nu'llee Gooftaa akka hin qormaanneen. Isaan keessaa tokko tokkoon isaanii akka guungumanii fi maleeyikkaa ajjeesuun akka badan, isin'llee hin guunguminaa. Wonitti kun marrinuu ka isaan irra gaye nu'uuf fakkeenna ufi eegganna'aa akka ta'uuf, ka barreeffame'llee muummee barnnootaa irratti ka argaminnu, nu'uuf barnnoota akka ta'uuf. Kanaaf naminni waan dhaabate itti fakkaate akka hin kufnne, ufi haa eegu. Qormmaata nama irra gayuun alatti, qormmaanni bira'aa isin irra hin geenne. Waaqinni amanama'a, qormmaanni huminna keessanii ol ta'e akka isin irra gayu hin eeyyamu, yeroo itti qormaatamttantti'llee huminna ittiin obissitan isinii kennu'uun, karaa qormaataa keessaa ittiin baatan isiniif ni qopheessa. Eegaa yaa obboleeyyan! waaqolee harkaan hojjataman waaqeffachuu irraa fagaadhaa. Kana'llee ka isiniin jedhu hubattoota ta'uu keessaniin, kanaaf waan ani dubbadhu, isin mataan keessanuu murtteessaa. Nu'u Waaqa galateeffannee duloon eebbaa ka addaan qoodaminnu, dhiiga Kristosii woliin tokkummaa ka qabuu mitii ree? Hibsittiin addaan kutanu'llee foon Kristosii woliin ka tokkummaa qabuu mitii ree? Nyaanni qulqullaayan hibisttiin tokko ta'uu isaatiin nu'llee nyaatuma tokko kana irraa ka qoodaminnu waan taaneef, yoma baay'eewwan taane'llee, qaama tokko. Mee waan ummanni Israa'eelii raawwate laalaa, ciinccaa dhiyaate'llee worri nyaatan, furdaan woliin tokkummaa hin qaban turanii ree? Eegaa kana yoo jedhu foon Waaqa harkaan hojjatameef qalame waan fayyadu jechuu kiyyaa ree? Yookiin Waaqinni harkaan hojjatame waan fayyadu jechuu kiyyaa ree? Miti! Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ciinccaa ka dhiyeessan Waaqaaf uduu hin ta'in, jinniiwwaniif, kanaaf isin jinniiwwan woliin tokkummaa akka qabaattan hin barbaadu, Duloo Goofta'aa dhuga'aa akkuma kana ammoo duloo jinniiwwanii dhugu'uuf hin dandeettan, nyaata Goofta'aa qoodamtoota taatanii, ammoo qoodamtoota nyaata jinniiwwanii ta'uuf hin dandeettan, Eegaa kana raawwannu kanaan Gooftaa haa hinaaffsinnuu ree? Nu'u isaa caalaa ni jabaanna ree? Wonitti marrinuu eeyyamamee jira, garuu wonitti marri fayyada'aa miti, wonitti marrinuu eeyyamamee jira, wonitti marri garuu ka nama ijaaruu miti. Tokkoon tokkoon namaa faayiidaa kaanniniitiif'llee haa yaadu malee, faayidaa mataa isaa qofaa hin barbaadin. Shakkii sammuu keessan keessaa ka'u dhabamisiifttanii, foon gaba'atti gurguramu kamiinuu uduu hin shakkin nyaadhaa. «Ariddi'ii fi isii keessa ka jiru marri'llee, ka Goofta'aati.» Naminni kristaana hin ta'in yoo isin afeeree fi afeerrii isaa'llee yoo fudhattan nyaata isiniif dhiyaatu kamiinuu, shakkii sammuu keessan irraa ka'u dhabamisiifttanii, uduu hin shakkin nyaadhaa. Garuu naminni tokko «Foon kun ka Waaqa harkaan hojjtaameef qalame» yoo isiniin jedhe, waayee nama kana isinitti himeetii fi waayee sammuu isaatiif'llee, foon san hin nyaatnaa. Sammuu yoo isiniin jedhu'llee sammuu namichaa jedhuu kiyya malee, sammuu keessan jechuu kiyyaa miti. Eegaa, sababa sammuu nama bira'aatiif, bilisummaa kiyya irratti ka murtteeffamu maali'iif? Ani Waaqa galateeffata'aa yoo nyaadhe waan Waaqa galateeffadhu'uutiin maali'iif gilndifama? Eegaa yoo nyaattan ta'ee yoo dhugiddan yookiin woma kamiiyyuu yoo raawwattan, waan maraayyuu ulfinna Waaqaatiif raawwadhaa. Yihudicha'llee yoo ta'e, Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne'llee yoo ta'e, woldaya Waaqaa'llee yoo ta'e, eennuun'llee hin gufachiisnaa. Ani marrinuu akka fayyaniif faayiddaa kaaniiniitiif malee, faayiddaa mataa kiyyaa uduu hin barbaadin, waan naminni marrinuu raawwatu maraanuu akka gammachiisutti, isin'llee akkuma kana raawwadhaa. Ani Kristosiin akkuma fakkaadhu, isin'llee ana fakkaadhaa. Yeroo maraa waan ana yaadachiifttanii fi barsiisa isiniif kenne'llee jabeesitanii waan qabdaniif, isin galateeffadha. Garuu mataan maraa Kristos, mataan dubartti'ii dhiira, mataan Kristosii'llee Waaqa Abbaa ta'uu isaa akka beekittan jaaladha. Mataa isaa haguugatee ka kadhatu yookiin dubbii raagaa dhiirri dubbatu marrinuu, mataa isaa ni salphisa. Akkuma kana mataa isi'ii uduu hin haguuggatin ka kadhattu yookiin dubarttiin dubbii raagaa dubbattu, dhiira dubarttii irratti aangoo qabu ni salphiftti, dubarttiin mataa isi'ii hin haguugganne, akka waan rifeenissa mataa isi'ii haadattee titti ni laakkayamtti. Dubarttiin mataa isi'ii ka hin haguugganne yoo ta'e rifeenissa isi'ii haa murattu, garuu rifeenissa isi'ii muruun yookiin haadachuun waan isii salphisu yoo taate, mataa isi'ii haa haguuggattu. Dhiirri bifitti Waaqaatii fi ulfinni Waaqaa'llee ka isa irratti muldhatu waan ta'eef, mataa isaa titti haguuggachuun isaan hin malu, dubarttiin garuu ulfinna dhiiraati. Dubarttitu dhiira irraa argame malee dhiiritti dubarttii irraa hin argaminne. Akkuma kana dubarttitu dhiiraaf uumame malee, dhiirtti dubartti'iif hin uumaminne, sababaa kanaa fi waayee malyikkootaatiin'llee, dubarttiin mallattoo aangoo ka ta'e, haguuggata mataa isi'ii irratti haa marattu. Jireenna Goofta'aan qabnnuun dubarttiin dhiira malee hin jiraattu, dhiirri'llee dubarttii malee hin jiraatu. Dubarttiin dhiira irraa akkuma argamitte akkuma kana dhiirri ka dhalatu dubarttii irraayyi, garuu dhiira ta'ee dubarttii ka bira'aa marrinuu ka argamu, Waaqa biraayyi. Mee isin mataan keessanuu murteessaa, dubarttiin mataa isi'ii uduu hin haguugatin, gara Waaqaa kadhannaa dhiyeessuun isi'ii, barbaachisa'aa ree? Dhiirri rifeenissa mataa isaa yoo dheeresse akka qaanii itti ta'u, uumamittoonni mataan isaatuu isin barsiisaa mitii? Dubarttiin garuu rifeenissi mataa isi'ii ka isi'iif kenname ufi ittiin haguuggu'uuf waan ta'eef, rifeenissa mataa isi'ii yoo dheerssite ulfinna isi'iiti. Waayee kana mormmu'uuf naminni barbaadu yoo jiraate, nu taanee yookiin kunniin woldayoonni Waaqaa, aadaa kanaan alaa hin qabnnu. Yeroo wolitti qabamttanitti wonitti raawwattan waan hamaa malee waan mishaa hin ta'iniif, barumisa amma isinii kennuun kanaa isin hin galateeffadhu. Waan maraan duranatti yeroo tokkumma'aan yoo wolitti qabamttanitti, jidduu keessan gargar bayiinssi akka jiru dhagayee jira, wonitti dhagaye'llee cina'aan dhugaa ta'uu isaa ni amana. Sirrii ka ta'an eennuun fa'a akka ta'an addaan bayanii akka beekkamaniif, jidduu isaan gargar bayiinssi jiraachuun isaa dirqama. Tokkumma'aan yoo wolitti qabamittanitti, ka nyaattan Irbaata Goofta'aatii mitii. Yoo nyaattan tokko tokko uduu hin eegin adda ufii titti ni nyaata, haala kanaan tokko yoo beelayu kuun ni machaaya. Haa ta'u malee mana itti nyaatanii fi itti dhugiddan hin qabddan moo? Yookiin Mana woldaya Waaqaa ni tuffattan moo? Yookiin rakkatoota womaayyuu hin qabnne ni saalfachiifttan moo? Eegaa maal haa isiniin jedhu? Waayee kanaaf isin haa galateeffadhu moo? Gonkumaa isin hin galateeffadhu! Ka Gooftaa irraa fudhadhee fi isiniif'llee barnnoonni dabarsse kana, halkan Gooftaan dabarffamee kennametti, hibsttii qulqulluu ol ni fuudhe, kadhannaa galataa eega taasiseen duubatti'llee kukkutee, «[Hoo'aa nyaadhaa,] Kun foon kiyya ka isiniif ta'u, kana'llee yaadannoo kiyyaaf taasfadhaa» jedhe. Akkuma kana irbaataan duubatti'llee Duloo ol fuudhee, «Duloon kun dhiiga kiyyaan ka hundaayu waadaa haarawa, yeroo dhugiddan marattuu kana yaadannoo kiyyaaf taasfadha'aanii» jedhe. Hibsittii qulqullaawome kana yeroo nyaattanii fi duloo tana'llee yeroo dhugiddan marattuu, haga yeroo Gooftaan dhufuu titti, du'a isaa ni dubbattan. Naminni kumuu ka isaan hin malin ta'ee uduu jiru hibsttii qulqulluu Goofta'aa yoo nyaatee fi duloo Goofta'aa'llee yoo dhuge, foon Goofta'aatii fi dhiiga Goofta'aa diqqeessuu isaatiin, itti ni gaafatama. Kanaaf naminni kumi'llee hibsttii qulqulluu kana nyaachu'uu fi duloo tana'llee dhugu'uun duranatti, mataa ufii qorachuu qaba. Naminni kumi'llee foon Goofta'aa maal ta'uu isaa addaan baasee uduu hin beekin hibsttii qulqulluu Goofta'aa yoo nyaatee fi duloo Goofta'aa'llee yoo dhuge, mataa isaa irratti murtii ni fida. Isin jiddu'uu baayi'eewwan ka dadhabanii fi ka dhukkubsatan, tokko tokkoo'llee ka du'an, sababuma kanaan. Mataa keenna irratti murtteesine uduu jiraannee, nutti hin murtteeffamu ture. Garuu maa'ii biyya lafaa woliin akka hin murtteeffamnneef, amma murtteessee Gooftaan nutti baanata. Kanaaf yaa obboleeyyan! Irbaata Goofta'aatiif yeroo wolitti qabamttanitti, ufii keessan wol eeggadhaa. Wolitti qabamuun keessan murti'iif akka hin taane jidduu keessan naminni beelaye yoo jiraate, mana isaa titti haa nyaatu. Waayee waan hafeetiif yeroo ani achi dhufutti, qajeelcha dabalataa isiniif ni kenna. Yaa obboleeyyan! Amma ammoo waayee kennaawwan Hafuura Qulqulu'uu akka beekittaniif ni barbaada. Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne yeroo turttanitti, waan hin beekinneen eemaramittanii gara waaqolee dubbachu'uuf hin dandeenne, ka harkaan hojjatamanii ni fudhatamittan akka ture ni beekittan. Kanaaf Hafuura Waaqaatiin eemaramee Yesusiin ka abaaru eennu'llee hin jiru, akkuma kanaan'llee Hafuura Qulqullu'uun eemaramee yoo ta'e malee, «Yesus Goofta'a!» ka jedhu, eennu'llee akka hin jirre isinitti ni hima. Kennaawwan adda addaa ka Hafuura Qulqullu'uu ni jiran, Hafuurri Qulqulluun garuu tokko. Tajaajiloonni adda addaa ni jiran, Gooftaan garuu tokko. Bifitti hujii adda addaa'llee ni jiran, garuu maraa maraan ka raawwatu Waaqa tokko. Tokko tokkoofuu kennaa Hafuura Qulqulluu ibisu'uun ka kennamuuf, faayiddaa wolittiitiif. Hafuurri Qulqulluun nama tokkoof danddeettii ogumma'aan dubbachu'uu ni kennaaf, nama bira'aatiif ammoo Hafuurrummaan sun danddeettii beekkomisaan dubbachu'uu ni kennaaf, Hafuurrummaan sun tokkoof amantii ni kennaaf, ka bira'aatii'llee kennaa Fayyisu'uu ni kennaaf. Akkuma kanaan'llee tokkoof huminna baasa taasisu'uu ni kennaaf, ka bira'aatiif dandeettiin dubbii raagaa dubbachu'uu ni kennaaf, kaaniif ammoo kennaawwan Hafuura Qulqulluu irraa ta'uu isaanii yookiin hafuurota battiiwwan irraa ta'uu isaanii, dandeettiin addaan baasee beeku'uu ni kennaaf. Akkuma kana tokkoof danddeettii afaanota adda addaa dubbachu'uu ni kennaaf, kaaniif ammoo waan afaanota adda addaatiin dubbatame hiiku'uuf danddeettii ni kennaaf. Haa ta'u malee kana maraa ka raawwatu Hafuuruma Qulqulluun tokko san, Hafuurri Qulqulluun akka fedhe, nama tokkoo tokkoof kennaa adda ta'e ni kennaaf. Naminni tokko kutaawwan qaamaa baayi'ee ni qaba, kutaawwan qaamaa baayi'ee ta'anii uduu jiran, ka argaman achuma qaamuma tokkoo san irratti. Akkuma kana Kristos kutaawwan baayi'ee qaamaa akka qabu, akkuma qaama tokkooti. Yihudicha'llee yoo taane namoota Giriiki'ii yoo taane, garboota'llee yoo ta'e, namoota bilisaa'llee yoo ta'e, qaama tokko ta'uuf Hafuura Qulqullu'uun cuuphamnnee jirra, marri keennaa Hafuuruma tokko kanaan irraa dhuginnee jirra. Qaaminni tokko ka hojjatame kutaawwan qaama baayi'ee irraa malee, kutaa qaama tokkoo qofa irraa miti! Miilli, «Ani harka waan hin ta'iniif kutaa qaamaatii miti!» yoo jedhe, eegaa akkana jechuu isaatiin kutaa qaamaa ta'uun isaa ni hafaa ree? Gurri'llee, «Ani ijaa waan hin ta'iniif kutaa qaamaatii miti» yoo jedhe, eegaa akkana jechuu isaatiin kutaa qaamaa ta'uun ni hafaa ree? Qaaminni tokko guutuun ija qofa uduu ta'ee jiraatee, maali'iin dhagayuun danda'ama ture? qaaminni tokko guutuun gurra qofa uduu ta'ee jiraatee, maali'iin ulachuun danda'ama ture? Amma garuu Waaqinni akka barbaadetti tokkoo tokkoon kutaa qaamaa, qaama keessatti bakka barbaachisaa qabatee akka argamu isa taasisee jira. Marri isaaniituu kutaa tokko qofa ta'ee uduu jiraatee, qaaminni guutuun eessatti argama ture! Amma garuu kutaawwan qaama baayi'een yoo jiraatan'llee, qaaminni garuu tokko qofa. Ijji harkaan, «Ati anaaf hin barbaachifttu!» jechuunii hin danda'u, mataan'llee miilaan, «Ati anaaf hin barbaachifttu!» jechuunii hin danda'u, gonkumaa haalaan dadhabiddoota fakkaatanii ka muldhatan kutaawwan qaamaa, isaan barbaachisoota. Ulfinna diqqaa ka qaban fakkaatanii ka muldhatan Kutaawwan qaamaatiif, caala'atti ulfinna isaaniif ni kennina, laalu'uuf ka saalfachiisan fakkaatanii ka muldhatan kutaawwan qaamaatiif, caala'atti ulfinna kennineefii isaaniif ufi ni eegganna. Ija duranatti ka muldhatan kutaawwan qaamaatiif garuu kun marrinuu isaaniif hin barbaachisu, Waaqinni garuu isaan laalu'uuf ka saalfachiisan fakkaatanii kutaawwan qaamaa ka muldhatan, ulfinna caalaa ta'een akka qabaman taasisee, kutaawwan qaamaa wol qabsiisee jira. Kana'llee ka taasise kutaawwan qaamaa jidduu adda fooyamuun uduu hin jiraatin, ufii isaaniitii akka wolii yaadaniif. Kutaan qaama tokkoo yoo makkaraaru kutaawwan qaamotaa kaanniin marrinuu woliin ni makkaraaran, kutaan qaamaa tokkochi yoo kabajamu, kutaawwan qaamotaa kuunniin'llee isa woliin ni gammadan. Isin'llee qaama Kristositi tokkoon tokkoon keessan'llee, kutaa qaama isaati. Kanaaf Waaqinni tokkoon tokkoon namaa Mana Waaqeffanna'aa keessatti tajaajila adda ta'e akka qabaatu taasisee jira, bu'ura kanaan'llee jalqaba ergamittoota, lammaffaa nabiyyoota, sadaffaa barsiisota muudee jira. Itti aanssee'llee baasaa worra raawwatan, itti aanssee'llee kennaa fayyisu'uu worra qaban, namoota gargaaru'uuf worra kennaa qaban, bulchitootaa fi afaanota adda addaatiin namoota dubbatan ramadee jira. Marrinuu ergamittootaa ree? Marrinuu nabiyyootaa ree? Marrinuu barsiisotaa ree? Marrinuu baasa worra raawwatanii ree? Marrinuu kennaa hafuuraa worra qabanii ree? Marrinuu afaan adda addaatiin dubbachu'uuf worra danddeettii qabanii ree? Marrinuu waan afaan adda addaatiin dubbatame hiiku'uuf worra dandeettii qabanii ree? Kanaaf kennaawwan haalaan caalan argachu'uuf barbaadaa. Amma ammoo karaa maraa caalu, isinitti ni muldhisa. Afaan namootaatiin ta'ee afaan maleyikkootaatiin dubbachu'uuf danddeettii uduma qabaadhe'llee, jaalala qabaachuu yoo dhabaadhe akka sibiila diimaa iyyuu yookiin akka kabalaa shakkisuu, ta'uu kiyya. Dandeettii dubbii Waaqinni natti hime dubbachu'uutiif'llee kennaa yoo qabaadhee fi dhossaa mara'llee uduu hubadhee, beekkomissa mara'llee uduu qabaadhee, gaara'llee bakka tokkoo gara bakka bira'aa ka deemisisu amantii mara'llee uduu qabaadhee, jaalala yoo hin qabaatin ani tasa. Waan qabu maraa hiyyeesotaaf yoo qoode, foon kiyya'llee uduu hin hafin ibiddaan akka gubatu dabarssee uduu kennee, jaalala yoo hin qabaatin, womaayyuu ana hin fayyadu. Jaalalli ni obissisiisa, jaalalli mishaa ni taasisa, jaalalli akka hinaafan hin taasisu, jaalala naminni qabu ufi hin tuulu, Jaalalli seera maleessa hin taasisu, jaalala naminni qabu faayiddaa ufii qofa hin barbaadu, jaalala naminni qabu hin dallanu, jaalala naminni qabu miidhame'llee miidhama akka miidhamaa titti hin lakkaayu, Jaalala naminni qabu waan dhugaa ta'een gammada malee, sirrii waan hin ta'iniin hin gammadu. Jaalala naminni qabu maraa ni danda'a, mara irrattuu amantii isaa ni kaaya, mara irratti abddii ni taasisa, waan maraanuu ni dhaabata. Jaalala naminni qabu yeroo kamttuu hin kufu, kennaan waan Waaqinni itti hime dubbachu'uu ni dabrra, danddeettiin afaan adda addaatiin dubbachu'uu ni dabra, beekkomissa'llee taanaan ni dabra. Ka beekinnu'llee ta'ee waan Waaqinni nutti himee dubbachuun'llee gamisaan. Garuu guutuu wonitti ta'e yoo dhufu, wonitti gamisaan ta'e ni hafa. Daa'ima yeroo turetti akka daa'imaa titti ni dubbadha ture, akka daa'imaa titti'llee ni yaada ture, akka daa'imaa titti ni qoradha ture, nama guutuu yeroo ta'etti garuu, amala daa'imummaa kiyyaa ni dhiise. Amma akka waan daawi'ite'een laalluu titti dimimisaan ni laalla, yeroo sanitti garuu ifaan ni argina, amma ka beekinnu gamisaan, yeroo sanitti garuu haga Waaqinni ana ka beeku beekkomissa guutuu ni qabaadha. Eegaa amantiin, abddii fi jaalallitti, isaan sadiin kunniin jabaatanii ni jiraatan, garuu isaan kanniin keessaa ka caalu jaalala. Eegaa jaalala horddofaa, kennaawwan hafuura Qulqullu'uun, keessummaanuu kennaawwan keennaa waan Waaqinni namatti hime dubbachu'uu jabeennaan barbaadaa. Afaan adda addaatiin ka dubbatu Waaqaaf malee namaaf hin dubbatu, waan dhossaa ta'e huminna hafuura Qulqullu'uutiin waan dubbatuuf, jecha inni dubbatu ka beeku hin jiru. Waan Waaqinni itti hime ka dubbatu garuu kaaniin dhaabu'uuf, cimssu'uu fi jajabeessu'uuf namootatti ni dubbata. Naminni afaan adda addaatiin dubbatu ufi qofa ijaara, waan Waaqinni itti dubbate ka dubbatu garuu, woldaya amantootaa ni ijaara. Marri keessanuu afaan adda addaatiin uduu dubbattanii ni jaaladha ture, caala'atti ka jaaladhu garuu waan Waaqinni isinitti hime yoo dubbattan, woldeenni amanttootaa akka ijaaramuuf afaan adda addaatiin waan dubbatamee ka hiiku yoo hin jirree, nama afaan adda addaatiin dubbatu irraa, nama waan Waaqinni itti hime dubbatutu caala. Eegaa yaa obboleeyyan! Gara keessan yeroo dhufutti, afaan adda addaatiin dubbata'aa yoo dhufee maal isin fayyada? Kana irra ka isin fayyadu dhossaa Waaqaa ibisuu, waayee beekkomissaan raaga dubbachu'uu, barumisa isinii qabee yoo dhufe. Ka akka ululle'eetii fi akka kiraaraa ka jiran meeshaawwan sirbaa ka lubbuu hin qabinnee, sirraayinna qoonqqa addaa ka hin qabinne qoonqqi sirbaa ka kennan, maal ta'uun isaa attamitti beekkamaa? Xurunbbaan qooniqqa hin beekkamineen yoo afuufamee, lolaaf eenutu qophaaya? Akkuma kana isin afaaniin woliin yoo dubbattan jechoota ifa ta'aniin yoo dubbachuu dhabaattan, waan isin woliin dubbattan eennutu beeku'uuniif danda'a? Akka waan bubbe'etti dubbattanii ni taatan. Biyya lafaa irra afaanonni baayi'een ni jiran, afaan hiikkaa hin qabnne'llee hin jiru. Eegaa ani afaan dubbatamu hiikkaa isaa ka hin beekinne yoo ta'e nama dubbateef keessummaa ni ta'a, inni'llee anaaf keessummaa ta'a. Isin'llee kennaawwan Hafuura Qulqullu'uu akka jabaa waan barbaadaniif, caala'atti barbaaduu ka qabddan kennaawwan kristaanonni ittiin ijaaraman, akka isaaniif baayi'ataniif. Kanaaf afaanota adda addaatiin naminni dubbatu danddeettii hiiku'uu akka qabaatuuf haa kadhatu. Afaanota adda addaatiin yoo kadhadhe hafuurri kiyya ni kadhata malee, sammuun kiyya firii dhabeessa. Eegaa, maal raawwachuu ana barbaachisa? hafuura kiyyaan ni kadhadha, sammuu kiyyaan'llee ammoo ni kadhadha, hafuura kiyyaan ni faarsa, sammuu kiyyaan'llee ammoo ni faarsa. Akkana ta'uu yoo dhabaate ammoo ati hafuuraan Waaqa yoo galateeffattu, waan ati jettu ka hin beekinne naminni keessummaan kadhannaa kee ka galataatiif, «Ameen» jechuu, attamitti danda'a ree? Dhugamaanuu kadhannaan galataa ka ati dhiyeesite haala misha'aan, garuu naminni bira'aa ittiin hin ijaaramu. Ani isin mara caala'atti afaan adda addaatiin waan dubbadhuuf, Waaqa ni galateeffadha. Garuu afaanota adda addaatiin jechoota kuma baayi'etti laakkayaman dubbachuu irra, kaanniin barsiisu'uuf jecha woldaya amanti'ii titti, afaan jechoota shan beekuun, sammu'uun dubbachuu ni jaaladha. Yaa obboleeyyan! Waan hama'aaf daa'imman ta'aa malee, yaada keessaniin akka daa'immanii hin ta'inaa, karaa irra yaada keessaniin ka bilchaattan ta'aa. Kun'llee, «Afaan adda addaatiin namoota dubbatanii fi afaan namoota biyya bira'aatiin ummata kanatti ni dubbadha, kana'llee ta'ee naa hin dagayan, jedha Waaqinni Gooftaan» jedhamee, seeraan barreeffamee jira. Kanaaf afaanota adda addaatiin dubbachuun malikata ka ta'u namoota hin amanneef malee namoota amananiifii miti, dubbii raagaa dubbachu'uu garuu malikata ka ta'u, namoota amananiif malee namoota hin amanneefii miti. Kristaannonni yeroo wolitti qabamanitti tokkoon tokkoon kritaanaa afaan adda addaatiin yoo dubbatee fi worri hin beekinne yookiin namoonni hin amanne uduu dhufanii dubbattoonni, «Namoonni kunniin maraatanii jiran» hin jedhanii ree? Garuu tokkoon tokkoon dubbii waan Waaqinni himee uduu dubbateetii ka itti hin amanne yookiin naminni hin beekinne uduu dhufee, jecha dhagayu maraanuu ni gilndifama, akkuma kana jecha dhagayu maraanuu itti ni murttaaya. Onnee isaa keessatti wonitti dhoffame'llee ni muldhatta, kallacha isaatiin'llee gonbbifamee, «Dhugamaanuu Waaqinni jidduu keessan ni jira!» jechu'uun, Waaqaaf ni sagada. Yaa obboleeyyan! Eegaa maal raawwachuu qabnna? Kadhanna'aaf yeroo wolitti qabamittanitti isin keessaa tokko kennaa faarffanna'aa ni qaba, ka bira'aa kennaa barsiisu'uu ni qaba, tokko waan dhossaa ta'e ibisu'uuf kennaa ni qaba, tokko kennaa afaan adda addaatiin dubbachu'uu ni qaba, ka bira'aa kennaa hiiku'uu ni qaba, eegaa kennaan kun marrinuu ka kristaanota ijaaru ta'uu qaba. Afaan adda addaatiin ka dubbatan yoo jiraatan lama yookiin yoo baayi'ate sadihi ta'anii tartiibaan haa dubbatan, waan isaan dubbatan'llee naminni bira'aa haa hiiku. Naminni hiiku yoo jiraachuu dhabaate garuu, afaan adda addaatiin worri dubbatan woligayii irratti haa caldhisan, mataa isaaniitii fi Waaqa qofatti haa dubbatan. Waan Waaqinni hime worri dubbatan lama yookiin sadihi ta'anii haa dubbatan, kuunniin garuu waan dubbate dhageeffataniii ufi eegganna'aan haa madaalan. Woligayii irratti ka argamu nama bira'aatiif muldhanni tokko yoo itti muldhate, dubbataan jalqabaa haa caldhisu. Tokkoon tokkoon akka baratuu fi akka jajabaatuuf marri keessanuu tartiibaan, ergaa Waaqaa dubbachu'uuf ni dandeettan. Hafuurri waan Waaqinni hime ka nabiyyootaa nabiyyootaaf ni ajajama. Woldaya ummata Waaqaa mara birattuu akkuma raawwatamu, Waaqinni Waaqa nagayaati malee Waaqa jeequmssaatii miti. Dubarttoonni yeroo woligayii kadhanna'aa haa caldhisan, akkuma Seerri ajaju akka ajajamaniif malee akka dubbataniif isaanii hin eeyyamaminne. Waan tokko tokko beeku'uuf yoo barbaadan abbootii worraa isaanii mana isaanii titti haa gaafatan, yeroo woligayii kadhanna'aa titti dubarttiin dubbatuun waan maluu miti. Haa ta'u malee dubbiin Waaqaa ka dhufe isin irraayyi moo? Yookiin dubbiin Waaqaa ka gaye gara keessa qofa moo? Ani nabiyyi'i yookiin ani kennaa hafuuraa ni qaba naminni jedhu yoo jiraate, kun ka isinii barreesse ajaja Goofta'aa ta'uu haa beeku. Kana ka hin beekinne yoo jiraate, inninuu hin beekkamin. Kanaaf yaa obboleeyyan! waan Waaqinni hime dubbachu'uuf ciminnaan barbaadaa, afaan adda addaatiin dubbachuu'llee hin dhooginaa. Garuu wonitti marrinuu akka tolutti seeraan haa ta'u. Amma ammoo yaa obboleeyyan! Dubbiin wongeela ka isin barsiise isin yaadachiisu'uuf ni barbaada, kun'llee dubbii wongeelaa ka isin fudhattanii fi jabaattanii ka ittiin dhaabattan. Ka isin barsiise dubbii wongeela jabeesitanii yoo qabattan isaan ni fayyitan, yoo kana ta'uu dhabaate garuu, ka amanttan tasaan. Ani ka fudhadhee sadarkkaa jalqabaa waan jiru isiniif dabarssee jira, wonitti isiniif dabarsse'llee kitaaba Qulqulluu keessatti akkuma barreeffame, Kristos waayee cubbuu keennaatiif ni du'e, ni awwaalame, kitaabban Qulqulluu keessatti akkuma barreeffametti'llee, guyyaa sadaffaa titti du'aa ni ka'e ka jedhu. Inni Phexirositti ni muldhate, maa'ii'llee ergamittoota kudha lamaantti ni muldhate. Horddofttoota isaa ka dhibba shan caalanitti'llee yeroo tokkoon ni muldhate, isaan keessaa'llee baay'een isaanii haga amma titti lubbu'uun ni jiran, tokko tokko garuu du'anii jiran. Saniin duubatti'llee Yaaqoobitti ni muldhate, ergamittoota maratti'llee ni muldhate. Muummee irratti'llee anaa nama saldheessa akka hanqinna dhalatee jiruu titti'llee ammoo, ni muldhate. Ani woldaya Waaqaa ka ari'e waan ta'eef ergamittoota maraayyuu gad ka hanqadhee fi ergatamcha'llee jedhamee waamamuun ka naan hin malle. Garuu ani amma waan ta'u ta'ee ka argamu kennaa bilisaa ka Waaqaatiin, kennaan bilisaa ka naaf kenname'llee firii malee hin hafinne, gonkumaa kaanniin caala'atti huji'iin dadhabee jira, garuu kana ka taasise kennaa bilisaa ka Waaqaa ka ana woliin jiru malee, anaa miti. Eegaa ana ta'ee isaan'llee ka barsiifnnu isuma kana, isin'llee ka amanttan kanuma. Garuu Kristos du'aa akka ka'e ka barsiifnnu yoo ta'e, isin jiddu'uu tokko tokkoo du'aa ka'iinssi hin jiru attamitti jedhan? Du'aa ka'uun yoo ka hin jiree Kristos du'aa hin muldhanne jechu'u, Kristos du'aa yoo hin ka'in barsifinni keenna ta'ee amantiin keessan'llee, tasa ta'uu isaati. Deebi'ee'llee Waaqinni Kristosiin du'aa kaaseenii jira jennee barsiisuu keennaan, ragoota Waaqaa dharttoota taanee jirra akka jechu'uutti, eegaa namoonni du'an du'aa hin ka'in Waaqinni Kristosiin du'aa hin kaafnneen jechu'u. Namoonni du'an du'aa yoo hin ka'in, Kristos'llee hin kaafnne jechu'u. Kristos du'aa hin muldhanne yoo ta'e amantiin keessan tasa, amma'llee cubbuu keessa ni jiraattan jechu'u, Kristostti'llee amananii worri du'an badanii jiran jechu'u. Kristosiin abddii ka taasfannu jireenna biyya lafaa kana qofaaf yoo ta'e, namoota mara irra caala'atti ka nuuf gaddamu ta'uu keenna. Garuu Kristos worra du'aaniif du'aa ka'uun hangafa ta'ee, dhugamaanuu du'aa ka'ee jira. Duuti ka dhufe nama tokko waayee Addaamiitiin akkuma ta'e, du'aa ka'iitiin'llee ka dhufuun karaa nama tokko Kristositiin. Waayee Addaamiin naminni marrinuu akkuma du'u, akkuma kana waayee Kristositiin naminni marrinuu jireenna ni argata. Kun'llee ka ta'u tokkoo tokkoofuu tartiibaan, Kristos du'aa ka'uun fakkeenna jalqabaati, maa'ii yeroo Kristos dhufutti ka isaa worri ta'an du'aa ni ka'an. Itti aanssee'llee Inni kuta'aa bulichu, aangoo fi humnna mara'llee balleessee mootummaa Waaqa Abba'aatiif yeroo kennutti, muummeen biyya lafaa ni ta'a. Waaqinni diinota isaa maraa aangoo isaa jala haga isaaf taasisuufitti, Kristos mootomuun ni malaan. Injifatamee muummee irratti diinni dhabamisiifamu du'a. «Waaqinni waan maraa aangoo isaa jala taasiseefii jira» ka jedhu, barreeffamee jira, garuu, «Wonitti marrinuu aangoo isaa jala ta'ee jira» yoo jedhamu, waan maraa aangoo isaa jala ka isaa taasiseef Waaqa Abbaa hin dabalatu. Wonitti marrinuu aangoo Kristosii jala eega ta'een duubatti, Waaqinni Abbaan mara waan maraan akka ta'uuf, Ilmi mataan isaa waan maraa aangoo isaatiin jala ka isaa taasiseef, aangoo Waaqa Abba'aa jala ni ta'a. Eegaa, namoonni du'an ka hin muldhanne yoo ta'e waayee namoota du'aniitii fi ka cuuphaman marrinuu, bu'aan isaanii maali'i? Namoonni du'an gonkumaa ka hin muldhanne yoo ta'an, namoonni bakka isaanii maali'iif cuuphaman? Nu'llee taanaan saa'aatimaan galtte'eef saaxilama'aa ka jiraannu maaliif? Yaa obboleeyyan! Ana guyyama guyyaan du'atu ana qunnama, kana'llee ka isinitti himu karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin abddiin isin irratti qabu, dhugaa waan ta'eef. Akka yaada namaa ani Efesoonitti, bineenssa bosonaatiin woldhaanu'uf faayiddaan kiyya maali'i? Worri du'an du'aa ka hin muldhanne yoo ta'e ammoo, «Boru waan duunuuf kootaa haa nyaannuu, haa dhuginnuu» akka jedhame ta'uu isaati. Hin sobaminaa, «Waahelli hamaan amala mishaa ni balleessa.» Gara qalbbii teessanii deebi'aa, cubbuu'llee hin hojjatinaa, isin jiddu'uu tokko tokko ka Waaqa hin beekinne ni jiran. Kana'llee ka jedhuuf akka saalfattaniif jedheeti. Naminni tokko, «Namoonni du'an ka ka'an attamittii? Du'aa yoo ka'an'llee qaaminni isaan qabaatan hoo bifa kami?» jedhee, ni gaafata ta'a. Ati gowwaa! Midhaan facaafttuu yoo hin du'in, lubbuu hin qabaatu, Ati yoo facaafttu'llee sanyii qamadi'ii yookiin midhaan bira'aa qofa ni facaaftta malee, biqilttuu maa'ii irra bayuu miti. Waaqinni garuu sanyi'iif akka barbaadetti qaama ni kennaaf, tokko tokkoo sanyii isaaniitiifuu qaama adda addaa ni kennaaf. Foon marrinuu bifa tokkoo miti, foon namaa'llee bifa tokko, foon beeyiladaa bifa bira'aati, foon sinbirrootaa bifa bira'aati, foon qurxummi'ii bifa bira'aati. Akkuma kana qaaminni sami'ii ni jira, qaaminni ka lafaa'llee ni jira, garuu qaaminni sami'ii ulfinni isaa bifa tokko, qaaminni ka lafaa'llee ulfinni isaa bifa bira'aati. Ulfinni adu'uu bifa tokko, ulfinni ji'aa bifa bira'aati, ulfinni urjjiiwwan'llee bifa bira'aati, urjjiin tokko urjjii bira'aa irraa ulfinna addaa ta'e ni qaba. Haalli namoota du'aa ka'anii'llee kanuma fakkaata, qaama du'u ka badu ta'ee ka facaafame, qaama hin badinne jiraataa ta'ee ni ka'a. Salphinnaan ka facaafame ulfinnaan ni ka'a, dadhabaa ta'ee ka facaafame jabaataa ta'ee ni ka'a, qaama foonayeessa ta'ee ka facaafame qaama hafuuraayaa ta'ee ni ka'a. Qaaminni foonayaan yoo jiraate, qaaminni hafuurayaan'llee ni jira. Kanaaf, «Naminni jalqabaa Addaam uumama jiraataa ni ta'e» jedhamee barreeffamee jira, Addaamiin maai'ii Kristos garuu, hafuura jireenna kennu ni ta'e. Garuu jalqaba ka dhufe foonaya'a malee ka hafuuraatii miti, ka hafuuraa ka dhufe ka fooniitiin duuba irratti. Naminni jalqabaa Addaam ka uumame lafa irraa waan ta'eef ka lafaat, Naminni lammaffaa ka dhufe samii irraayyi. Lafaa irraa ka ta'an akkuma ka lafa irraa uumamaniiti, sami'ii ka ta'an akkuma isa ka sami'ii dhufeeti. Akkuma bifa nama biyya lafaa fakkaannutti, bifa nama sami'ii'llee ni fakkaanna. Yaa obboleeyyan! wonitti isinitti himu kana, foonii fi dhiiginni Mootummaa Waaqaa hin dhaalan, akkuma kana qaaminni du'uu ka badu ka hin badinne, qaama hin banne jiraataan ka hin badinne hin dhaalu. Kunoo, dhossaa tokko isinitti ni hima. Nu'u marri keennaa hin duunu, garuu marri keennaa ni jijjiiraminna. Ka jijjiiraminnu'llee xurunbbaan laali'ii ka muumme'ee yeroo afuufamutti akka limsata ijaa yeroo tokkotti. Xurunbbaan laali'ii ni afuufama, namoonni du'an'llee ka hin badinne jiraattota ta'anii ni ka'an, nu'llee ni jijjiiraminna, Kun ka badu ka hin badinne, kun ka du'u'llee ka hin duune uffachuu ni qaba. Kun ka badu ka hin badinne, kun ka du'u'llee ka hin duune yeroo itti uffatutti, «Duuti injifanno'oon moo'atamaan ni liqimfame!» jedhamee, ka barreeffame ni raawwatama. Akkuma kana, «Yaa du'a, injifattee moo'uun kee eessa jira? Yaa du'a! Humnniti kee ka nama ittiin miitu eessa jira!» jedhamee jira. Huminni duuti ittiin iddamu cubbu'u, huminni cubbu'uun'llee seera. Garuu karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin injifannoo ka nuuf kennu, Waaqaaf galanni haa ta'u! Kanaaf yaa obboleeyyan jaalatamttan! Jabaadha'aatii dhaabadhaa, womaanuu hin raafaminaa, hujii Goofta'aatiif ka dadhabddan tasaan akka hin ta'in beekittanii, uduu addaan hin kutin yeroo maraa hujii Goofta'aa hojjachu'uuf hisadhaa. Waayee qarshii gargaarssa amanttootaa wolitti qabamuutiif, woldaya amanttoota Galaatiya'aatiif akkuma qajeelcha kennameetiin, isini'llee akkuma kana raawwadhaa. Ani gara keessan yeroo dhufutti buusiin qarshi'ii akka hin taasfaminneef torbaan torbaaniin dilbbata isin keessaa tokkoon tokkoon haga galii argatuutiin, buusa'aa addaan baasee ha kaayu. Yeroo ani gara keessan dhufutti karaa namoota isin filattaniitiin, qarshii wolitti buufttan qabatanii gara Yerusaalemii akka deemaniif, xalayaa gageessituu woliin ni erga. Deemuun kiyya'llee barbaachisaa ta'ee yoo argame, ana woliin ni deeman. Karaa Maqedooniya'aatiin deemu'uuf waan karoorffadheef, achiin yoo dabrru karama saniin gara keessaniin ni dhufa. Gara deemu'llee gara bakka kamiituu adeemissa kiyyaaf ka naa ta'u garggaarssa akka naaf taasfttan, yookiin isin biratti ni tura ta'a, yookiin ji'a ganna'llee isin woliin ni dabarssa ta'a, amma yoo dabrru karaa saniin isin laalu'uuf hin barbaadu, fedhii Goofta'aa yoo ta'e yeroo muraasa dheeraa ta'ee isin woliin turu'uuf, abddii ni taasisa. Garuu haga ayyaana Phenxeqosxe'ee, Efesoonii titti ni tura. Balballi baldhaan hujii baayi'ee ufi keessaa qabu naaf banamee jira, mormittoonni garuu baayi'eewwan. Ximotewos gara keessan yeroo dhufutti sodaa malee si woliin akka ta'uuf gargaara'aanii, inni'llee akkuma kiyya hujii Goofta'aa ni hojjata. Kanaaf eennu'llee akka isa hin tuffannee fi inni obboleeyyan woliin gara kiyya akka dhufuuf waan isa eeguuf, gara kiyya nagayaan deebi'ee akka dhufuuf adeemissa isaatiif waan isa barbaachisuun gargaara'aanii. Obboleessi keenna Apholos obboleeyyan bira'aa woliin, isin akka laaluuf cimssee kadhadheenii ture, garuu inni amma gara keessan dhufu'uuf hin eeyyaminne, yoo itti toletti garuu ni dhufa. Dammaqaa, amaniti'iin jabaadha'aatii dhaabadhaa, jabaadhaa. Waan raawwattan maraa jaalalaan raawwadhaa. Yaa obboleeyyan! Maatii Isxifaanosii biyya Akaayiya'aa titti amanttoota jalqabaa akka ta'anii fi amanttoota tajaajilu'uuf mataa isaanii dabarsanii akka kennan ni beekittan. Namoonni akkana jiranii kanniinii fi isaan woliin'llee huji'iin worra dahdaban maraaf, akka ajajamittaniif cimssee isin ni yaadachiisa. Isxifaanosii fi Fordonaaxiis Akaayiqos'llee gara kiyya dhufuu isaaniitiin gammadee jira, isin anaan woliin argamuu dhabuu keessaniif isaan bakka keessan bu'uun, waan natti dhidhate naaf guutanii jiran. Isaan hafuura kiyyaa fi hafuura keessan'llee hara baafachiisanii jiran, kanaaf namoota akkana jiran kanniin beeka'anii. Woldeenni amanttootaa ka Asiyaa jiran nagaya isiniif ni dhiyeessan, Aqiilaa fi Phriskaan, Kristaanonni mana isaanii titti wolgayan'llee, nagaya onnee irraa ta'e maqaa Goofta'aatiin isiniif ni dhiyeessan. Kristaanonni asi jiran marrinuu nagaya isiniif ni dhiyeessan, wol dhungoo Qulqullaayomaatiin, nagaya wol gaafadhaa. Ani Phaawulos nagaya kana harkuma kiyyaan isiniif barreessee jira. Gooftaa ka hin jaalanne yoo jiraate, ka abaarame haa ta'u! Yaa Gooftaa koottu! Kennaan Gooftaa Yesusii ka bilisaa isiniin woliin haa ta'u. Jaalalli kiyya Yesus Kristosiin isin mara woliin haa ta'u, Ameen. Fedhii Waaqaatiin barataa Yesus Kristosii ka ta'e, Phaawulosii fi obboleessa keenna Ximotewosiin irraa, Qorontoositti ka argamittan Woldaya Waaqaatii fi akkuma kana Akaayiyaa maratti ka argamittan ummata kristaanaa maraaf, Abbaa keenna Waaqa irraa, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin irraa, kennaan bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u. Abbaa dhiifamaatii fi Waaqa jajabeenna mara ka kennuu, akkuma kana Waaqaa fi Abbaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiif, galanni haa ta'u. Nu'u jajabeenna Waaqa biraa arganuun worra rakkinna irra jiran maraa jajabeesu'uuf akka dandeennu, Waaqinni rakkinna keenna maraa irratti nu jajabeessa. Rakkinna Kristosii baay'innaan akka qoodamuu keennaa titti, akkuma kanaan'llee Kristosiin jajabeenna baay'innaan ni arganna. Nu'u rakkinna yoo fudhannu isin jajabeennaa fi fayyinna ni argattan, nu yoo jajabaannu ammoo isin'llee rakkinna bifa nu'u fudhannuu obissaan fudhattanii ni jajabaattan. Haguma rakkinna keenna qoodamttaniin jajabaachuu keenna'llee akka qoodamttan waan beekinuuf, abddiin isin irratti qabnnu cima'a. Yaa obboleeyyan! Kutaa biyya Asiya'aa yeroo turetti rakkinna nurra gayee akka beekittaniif ni jaalanna, rakkinni nurra gaye kun'llee haga baadhachuu dandeennuu olitti nurratti kufee waan tureef, lubbu'uun jiraachu'uuf abddiin qabnnuuyyuu, addaan citee ture. Gonkumaa akka waan duuti nutti murteeffamee titti, nutti dhagayamee ture, kun marri'llee nurra ka gaye, ka abddii taasfannu worra du'aa ka kaasu Waaqa malee, huminna mataa keennaatiin ta'uu dhabuu akka hubannuuf. Kanaaf inni galttee haga du'aatiin nu gayuu irraa nu fayyisee jira, nu fayyisa'lle'e, dabalee akka nu fayyisuuf'llee, abddiin keenna isaan. Isin'llee kadhanna'aan nu gargaaruun ni mala, kadhannaa baayi'e'een nu'u gargaarssa Waaqaa yoo argannu namoonni baay'een ammoo, waayee keennaan Waaqa ni galateeffatan. Wonitti ittiin dhaadanu kana, kun'llee dhugaa ta'uu isaa sammuun keenna nuuf ragaa ni baya, namoota kaanniinii fi keesumaanuu isin woliin wolitti dhufeenni ni qabnna ture, qulqullaayoma Waaqa biraa arigannee fi qajeelumaan ka hunddaaye, kun'llee ka ta'e kennaa Waaqaa ka bilisaatiin malee, ogummaa namaatiin hin turre. Dubbifttanii hubachuu waan dandeettan yoo ta'e malee, ka bira'aa womaayyuu isiniif hin barreessinu, hubannaa guutu'uun hubachuu akka dandeettan abddii ni taasisa. Amma waayee keenna ka beekittan gamisaan, maa'ii garuu guutumma'aan akka hubattaniin abddii ni taasisa, waayee kanaan'llee Gooftaan Yesus guyyaa itti dhufutti, nu'u isiniin akka dhaadannu, isin'llee nu'uun ni dhaadattan. Waan kanaan sirrii waan tureef yeroo lama akka fayyadamttaniif jedhee, jalqaba isin laalu'uuf karoorffadhee ture, isin laalu'uuf ka karoorffadhe'llee, gara Maqedooniya'aa yoo dabrruu fi achii'llee yeroo deebi'utti ture, haala kanaa'llee gara biyya Yihuda'aa adeemissa kiyya ka taasisu irratti, ana gargaarttan jedhee yaadee ture. Kana yeroo karoorffadhetti waan raawwadhu ka hin beekinne, asii fi achi jedhaa nama ta'e isinitti ni fakkaataa? Yookiin kana karoorffachuu kiyyaan yeroma tokkoon, «Eeti'ii fi mitii» jedha'aa asii fi achi jedhu'uun, yaada namaatiin ka raawwadhe isinitti fakkaataa ree? Waaqinni amanamaa waan ta'eef nu'llee ka isinitti himnnu, «Ee» yookiin «Miti» ka jedhu, jecha asii fi achi hin jedhuunii miti. Anii fi Siilaas, Ximotewos'llee Ilmi Waaqaa Yesus Kristosiin ka isiniif lallabnne yeroo maraa, «Ee» jecha jedhu qofaan malee, «Ee yookiin miti jecha jedhu» ka asii fi achii jedhuun hin turre. Abddiin Waaqinni nu'uuf kenne marrinuu, «Ee» ka ta'uun Kristosiin, kanaaf ulfinna Waaqaatiif Kristosiin, «Ameen» ka jennu. Nu'u isiniin woliin Kristosiin akka jabaannuuf ka nu taasise Waaqa, huji'iif'llee ka nu fooye isa. Ka isaa ta'uu keennaaf ragaa ka ta'u chaaphaa isaa ka nurratti taasisee fi ufi durana qabeenna nu'uuf kennuuf, onnee keennatti Hafuura Qulqulluu, akka wobi'ii taasisee ka nuuf kenne isa. An gara Qorontoosii deebi'ee waayee dhufuu dhabeef isin akka hin gaddisiifnneef, garaa isinii laafu'uun, kanaaf'llee Waaqinni ragaa kiyya. Isin amantii keessaniin worra dhaabattan waan taataniif, isin akka gammadaniif isin woliin ni hojjanna malee, amantii keesantti isin hin ajajinnu. Eegaa akka isin hin gaddisiifneef yaadu'uun laalchaaf gara keessan deebi'ee akka hin dhufinneef, murtii dhugaa ta'e ni taasise. Yoma isin'llee gaddisiise'llee ka isin gaddisiise, isin malee ana ka gammachiisu eennu? Akkasitti ka isiniif barreesse gara keessan yoo dhufutti, namoota gammachiisuu qaban, akka ana hin gaddisiifnneef jedheeti, gammachuun kiyya gammachuu keessan maraa ta'uu isaa ni amana. Gadda gudda'aa fi sarddama onne'eetiin, imimmaan baayi'een'llee ta'ee ka isiniif barreesse, haalaan ka isin jaaladhu ta'uu kiyya akka beekittaniif jedheeti malee, isin gaddisiisu'uuf jedheetii miti. Nama ka gaddisiise eennu'llee yoo jiraate ka gaddisiise ana uduu hin ta'in, balleessaa isaa ol guddisu'uun natti hin ta'in malee, gara bira'aatiin isin keessaa baayi'eewwan gaddisiisee jira. Nama akkanaa kanaaf isin keessaa adabbiin baayi'eewwan itti murteessan ni gayaan. Kanaaf naminni kun haalaan gadduu irraa ka ka'een abddii akka hin kutanneef, kana irra dhiifama akka isaa taasfttanii fi akka jajabeessitaniin ni mala. Akkuma kana isa ka jaalattan ta'uu keessan deebitanii akka mirkaneestaniif, isin ni kadhadha. Ergaa san'llee isiniif ka barreesse qormaatamittanii waan maraanuu ajajamittoota ta'uu keessan, hubachu'uuf jedheeti. Nama isin dhiifama taasfttaniif ani'llee dhiifama ni taasisaaf, dhiifaminni ani taasisuuf yoo jiraate, ani Kristosiin duranatti dhiifama ka isaa taasisuuf waayee keessaniif jedheeti. Kana'llee ka raawwadhu hujii sheexanaa ka dabaa waan beekinuuf, akka Sheexanni nu hin sobinneef jedheeti. Kanaan duubatti wongeela Kristosii barsiisu'uuf gara Xiro'aasii yeroo deemutti, Gooftaan balbala baldhaa huji'ii naaf banee ture, garuu obboleessa kiyya Tiitoosiin waan hin argatiniif, qalbbiin tiyya hin boqanne, kanaaf kristaanota achi jirantti nagaya dhaamee, gara Maqedooniya'aa ni deeme. Garuu ka nu yeroo maraa Kristosiin injifattoota taasisee nu eemaru'uu fi akka shittoo dibataa ka foolii mishaa qabuu titti, beekkomissa waayee Kristositiif qabnnu bakka maraa akka geessinu, ka nu taasisu Waaqa nu taasisuuf galanni haa ta'u! Nu'u worra fayyaniif'llee ta'ee worra badaniif akka ixaana foolii mishaa qabuu titti, Kristosiin Waaqaaf ka dhiyaanne. Nu'u tokkoof foolii du'aa ka ajjeesu, ka bira'aatiif jireenna ka kennu foolii jireennaat, eegaa tajaajila kanaaf gayaa ka ta'u eennu? Nu'u dubbii Waaqaa akka worra meeshaa daldalaa gurguranii titti akka baayi'eewwaniitii miti, garuu akka worra Waaqa biraa ergaman akka ergamoota qajeelttotaa, Kristosiin taanee Waaqa duranatti ni dubbanna. Deebinee mataa keenna galateeffachuu jala ni qabnna ree? Yookiin tokko tokko akka raawwatanitti isiniif isin irraa xalayaa garggaarsaa nu barbaachisa ta'inna laata? Naminni marrinuu ka isin beekuu fi ka isin dubbisu onnee keennatti ka barreeffamittan, xalayaawwan keenna ka irkisaa isin. Isin hoo tajaajila keennaan ka dhufttan ergaa Kristosii ta'uun keessan ifa, ergaan kun'llee ka barreeffame Hafuura Waaqa jiraata'aatiin malee hallu'uunii miti, akkuma kana gabatee onnee namaa irratti malee, gabatee dhaga'aa irratti ka barreeffamee miti. Kana'llee waayeen jennuuf karaa Kristositiin Waaqaa irratti amantii waan qabnnuuf. Tajaajila keenna raawwachu'uuf akka dandeennu gayaa ka nu taasisu Waaqaa malee, nu mataa keennatti womaayyuu raawwachu'uuf, gaya'aa miti. Tajaajilttoota waadaa haarawaa akka taanuuf gaye'eessummaa ka nuuf kenne isa, kun'llee Seera qube'een barreeffameen uduu hin ta'in gargaarssa Hafuura Qulqullu'uutiin, Seerri qube'een barreeffame du'a ni fida, Hafuurri Qulqulluun garuu jireenna ni kenna. Seerri ka bocame gabatee dhaga'aa irratti qube'een ture, Seerri yeroo kennametti'llee ifin ni jira ture dhabamisiifama'aa ka deemu yoo ta'e'llee, Israa'eeloonni fuula Muse'ee guutatanii laalu'unii hin danda'an, eegaa seerri du'a fide ulfinna bifa akkanaatiin yoo muldhate, eegaa, karaa Hafuura Qulqullu'uutiin tajaajilli argamu ulfinna caalaa ta'e hin qabaatuu ree? Tajaajilli namoonni ittiin cubbifaman ulfinna hagana gayu eega qabaate, tajaajilli namoonni ittiin qulqullaayan ammoo attam ulfinna haalaan caalu hin qabaannee? Ulfinni maa'ii irraa haalaan ol aanaa ta'uu irraa ka hafe'een, ulfinni dabrre womaayyuu akka hin qabaannetti ni lakkaayama. Ka dimimisi'aa ni deema ture sun ulfinna hagana mara gayu ni qaba eega ture, bara baraaf jabaatee wonitti jiraatu hoo, attamitti haalaan caala'atti ulfinna hin qabaanne! Abddii akkanaa kana waan qabnnuuf uggiinsaan ni dubbanna. Museen'llee dhaama'aa ka deemu calaqisuun fuula isaa haga dhabamisiifamutti, Israa'eeloonni akka isa hin argineef fuula isaa titti ni haguugata ture, nu'u garuu akka isaatii miti. Onneen isaan dhugama hadoodee jira, haga adhaa titti'llee kitaaba waadaa duraanii yoo dubbisan, onneen isaanii waanuma isatti haguuganiin haguugeffamee jira. Kun'llee ka ta'u haguuggiin sun ka dhabamisiifamu Kristos qofaan waan ta'eef. Yoma adha'llee ta'e kitaabban seeraa akkuma dubbisaniin onneen isaanii haguuggi'iin ni haguuggama. Garuu naminni gara Goofta'aa yeroo deebi'u, «Haguuggiin isaa ni dhabamisiifama.» Gooftaan Hafuura, Hafuurri Goofta'aa bakka jirutti'llee bilisummaan ni jira. Nu'u marri keennaa fuula hin haguuggaminiin taanee akka waan daawi'ite'een laalamu'uu titti, ulfinna Goofta'aa ni calaqisiifnna, hafuura keenna'llee ka ta'e bifa Goofta'aa fakkaachu'uuf, ulfinnaa gara ulfinnaa titti ni jijjiiraminna. Waaqinni dhiifama isaatiin tajaajila kana waan nuuf kenneef abddii hin kutannu. Dhoffama'aa fi saalfachiisaa waan ta'e dhabamisiifnnee jira, dabaan'llee hin hojjannu, dubbii Waaqaa'llee hin jijjiirru, irra caalaa dhugaa ifaan ni muldhifnna, mataa keenna'llee sammuu nama maraatiif Waaqa duranatti ifa ni taasfnna. Dubbiin wongeela ka barsiifnne'llee yookiin ka dhokate yoo ta'e, ka dhokate'llee worra badaniif. Biyya lafaa kanatti bulichaa ka ta'e sheexanni onnee namoota hin amannee ni jaamisse, kanaan'llee bifa Waaqaatiin ka muldhate wongeelli Kristosii ka ulfinnaa ifa isaaniif ibisu akka hin arginneef, isaan ni taasise. Nu'u ka barsiifnnu Yesus Kristos Gooftaa ta'uu isaatii fi nu'u mataan keennaa waayee Yesusiitiif tajaajilttoota keessan ta'uu keenna malee, waayee mataa keennaa hin lallabnnu. «Ifin dukkana keessaan haa ifu!» jedhee ka dubbate, Waaqinni bifa Kristositiin ka ibisu ifa ulfinna Waaqaa beeku'uu akka nuuf kennuuf, ifin isaa onnee teenna keessatti akka ifu taasise. Garuu kun huminni maraayyuu caalu ka Waaqaati malee keenna ta'uu dhabuun isaa akka beekkamuuf, waan ulfaataa kana akka meeshaa faaraa taanee qabanneenii jirra. Kallattima maraan rakkinni nurra ni gaya garuu hin injifataminnu, yeroo baayi'ee dubbiin bitaa nutti ni ta'a, garuu abddii hin kutannu, diinonni nu ni ari'atan, garuu waahellan dhabnnee hin beekinnu, dhayaminnee ni kufnna, garuu hin duunu, jireenni Yesusii qaama keenna irratti akka muldhatu du'a Yesusiin irra gaye, qaama keenna irratti'llee yeroo mara, baannee ni naannofnna. Jireenni Yesusii qaama keenna du'aa irratti muldhachu'uuf akka danda'uuf, nu'u jiraattonni yeroo maraa waayee Yesusiitiif yeroo mara, du'aaf dabarffamnnee ni kennamnna. Kanaaf nu dedeebinee du'aaf yoo saaxilaminnu, isin garuu jireennaaf ni saaxilamittan. Haa ta'u malee, «Amane, kanaaf dubbadhe» jedhamee, akkuma barreeffame, nu'llee hafuuruma amanti'ii tokko sun waan qabnnuuf ni amanna, kanaaf'llee ni dubbanna. Gooftaa Yesusiin Waaqinni du'aa kaaseen nu'llee Yesusiin woliin akka nu kaasuu fi isiniin woliin'llee, fuundura isaa titti akka nu dhiyeessu ni beekinna. Kun marrinuu faayiddaa keessaniif ka ta'e kennaan isaa ka bilisaa ka irraa hafee haguma namoota baayi'eef gayeetiin, galanni ulfinna Waaqaatiif ta'u akka baayi'atuuf. Kanaaf abddii hin kutannu, yoma qaaminni keenna ka duubaa bade'llee, qaaminni keenna ka keessaa guyyama guyya'aan ni haareffama. Kun'llee salpha'aa fi ka yeroo ka ta'e rakkinni keenna, ka haga hin qabnne haalaan ol aanaa ka ta'e ulfinna bara baraaf, nu'uuf ni argamisiisa. Nu'u ka eegganu waan hin muldhanne malee ka muldhatuu miti, wonitti muldhatu ka yero'ooti, ka hin muldhanne garuu ka bara baraati. Kun akka dukkaanaa ka yeroo ka ta'e foon keenna ka lafaa yoo diigamu, harka namaatiin uduu hin ta'in Waaqaan ka ijaarame mana jireennaa ka bara baraa sami'itti akka qabnnu, ni beekinna. Qaama sami'ii uffachuu hawwu'uun, ni tataafanna. Isa'llee yoo uffannu qullaa keenna taanee hin arggaminnu. Kana ka akka dukkaanii biyya lafaa ta'e foon keenna keessa yoo jiraannu nutti ulffaatee ni woyanna, ka woyyannu'llee duuti jireennaan akka jijjiiramu, qaama sami'ii caala'atti akka uffanuuf malee, foon keenna ka biyya lafaa kana irraa fooyamu'uuf, barbaadu'uunii miti. Waan kanaaf'llee ka nu qopheesse Waaqa, sanii oltti'llee waan nuuf kennu maraaf wobii akka nuuf ta'u, Hafuura isaa ka nu kenne'llee isa. Qaama keenna ka biyya lafaatiin haga yeroo jiruu titti Gooftaa irraa ka fagaanne ta'uu keenna yoma beekinne'llee, yeroo mara isaan ni abiddanna. Nu'u ka jiraannu'llee Gooftaa amanu'uun malee, isa laalu'uunii miti. Asitti akka bakka jireenna keenna ka ta'e foon keenna irraa fooyaminnee Gooftaa woliin ta'uuf ni hawwinaa, kanaaf isin abddii taasfachuun ni jiraanna. Foon keenna kana woliin yoo taane'llee yookiin isa irraa yoo fooyaminne'llee, kaayyoon keenna Gooftaa gammachiisu'u. Tokkoon tokkoon jireenna isaa ka biyya lafaa titti waan raawwate hamaa ta'ee mishaaf'llee akkaataa hujii isaatiin gatii isaa fudhachu'uuf, marri keennaa murti'iif teessoo Kristosii duranatti, dhiyaachuu ni qabnna. Gooftaa sodaachuun maal ta'uu isaa waan beekinuuf namoota ni hubachiifnna, nu'u maal ta'uu keenna'llee Waaqinni ni beeka, isin'llee onnee teessanitti maal ta'uu keessan akka beekittan abddii ni taasisa. Ka onnee jiruun uduu hin ta'in waan mulidhatuun worri dhaadataniif deebii kennuu akka dandeettaniif, nu'uun akka dhaadattaniif carraa isiniif ni kennina malee, deebinee nu'u isiniif mataa keenna hin galateesinu. Maraattota yoo taane Waaqaaf jenneeti, worra sammuu qaban yoo taane'llee, isiniif jenneeti. Yeroo tokko Kristos maraafuu du'uu isaatii fi akkuma kana marrinuuu qoodamtoota du'a isaa ta'uu waan hubanneef, jaalalli Kristosii huji'iif nu ni dirqisiisa. Lubbu'uun ka jiran marrinuu isaanii ka du'ee fi du'aa'llee ka ka'eef akka jiraataniif malee, ammaa achitti mataa isaaniitiif jedhanii akka hin jiraanneef, Kristos maraafuu ni du'e. Ammaa achitti nu'u nama kamiinuu laalcha isaa ka fooniitiin hin laallu, kanaan durana Kristosiin'llee ka laaleen akka nama kamiituu laalcha fooniitiin yoo ta'e, ufi duranaaf garuu kana hin raawwannu. Kanaaf naminni kum'llee gara worra Kristositii yoo ta'e uumama haarawa, uumaminni moofaan dabrree jira, bakka isaa'llee uumaminni haarofnni bu'ee jira. Kun marri'llee ka ta'e nu mataa isaa woliin karaa Kristositiin ka nu araarise tajaajilallee ka nuuf kenne Waaqaan. Kun'llee Waaqinni karaa Kristositiin namoota biyya lafaa mara mataa isaa woliin ni araarsse jechu'u, balleessaa isaanii'llee isaanitti hin lakkoofnne, nu'uuf'llee nama Goofta'aan woliin ka ittiin araarssinu dubbii isaa nuuf ni kenne. Waaqinni namoota karaa keennaan waan waamuuf nu bakka bu'oota Kristositi, kanaaf, «Waaqaan woliin araaramaa!» jennee, maqaa Kristositiin isin ni kadhanna. Nu'u Kristosiin qoodamtoota qulqullaayota Waaqaa akka taanuuf, Waaqinni ka cubbuu hin qabnne Kristosiin, cubbuu keenna akka baadhatu ni taasiseen. Waaqaan woliin worra hojjannu akka ta'uu keennaa titti kennaa isaa ka bilisaan hin hanbbisinaa jennee, isin ni kadhanna. Waaqinni, «Yeroo mijaayaa ta'etti si ni dhagaye! guyyaa fayyinaa titti si ni gargaare!» waan jedhuuf, «Kunoo yeroon mijaayaa ta'e amma, guyyaan itti fayyamu'llee amma.» Tajaajilli keenna akka hin ashaminneef woma tokkoonuu eennuuf'llee, gufannaa hin taanu. Kana irra rakkoo rakkinnaa fi sarddama'llee obissa'aa akka tajaajilttoota Waaqaa titti, karama kamiinuu mataa keenna ni dhiyeesina. Tajaajilttoota Waaqaa ta'uu keenna ka ibisinu'llee dhaanamu'uun, hidhamu'uun, nagaya dhabu'uun, huji'iin dadhabu'uun, hirriba dhabu'uu fi beelayu'uun. Akkuma kana qulqullumma'aan, beekkomisaan, obissaan, mishumma'aan, Hafuura Qulqullu'uun eemaramu'uu fi jaalala fakkeesitummaa hin qabnneen, dubbii dhuga'aatii fi huminna Waaqaatiin. Ittiin midha'aa fi ta'ee meshaan ittiin ufi irraa ittiin ittisaa'llee qulqullaayumma'a, ulfinnaaf yookiin salphinnaaf, gilndifamu'uuf yookiin galateeffamu'uuf nu'u ka qophoofnne, dhugaaleyyii yoo taanu sobddoota ni jedhamnne. Ka beekkaminne yoo taanu, akka waan hin beekkaminii taanee, du'anii jiran yoo jedhamnnu, jiraattota taanee ni argaminna, yoma dhaanaminu'llee hin ajjeefaminne. Gaddi yoo nurra gayu'llee yeroo maraa ni gammadinna, hiyyeeyyii taanee uduu jirru, baayi'eewwan dureessota ni taasfnna, womaayuu ka hin qabnne yoo taanu, waan maraa ni qabnna. Isin yaa namoota Qorontoosiin jiraattan! Kunoo, ifaan isinitti dubbannee jirra, onnee teenna'llee baldhinnaan isiniif bannee jirra. Isinittu jaalala keessan nu dhoogate malee, nu'u isin hin dhooganne. Akkuma Abbaan ijoollee isaa titti dubbatu haa dubbadhuutii, nu'u onnee teenna baldhinnaan bannee akkuma fedhii keenna isiniif ibisinetti, isin'llee akkuma kana raawwadhaa. Haala hin mijoofnneen namoota hin amanneen woliin wolitti hin makaminaa, qulqullaayinnaa fi cubbuun attamitti woliin hirmmaachu'uuf danda'an ree? Ifaa fi dukanni attamitti woliin jiraachu'uuf danda'an ree? Kristosii fi daabiloos attamitti woliigaluuf danda'an ree? Ka amanuu fi ka hin amanne hoo woliigaltee maal qabaachuu danda'an ree? Manni Waaqeffannaa ka Waaqaa waaqolee harkaan hojjatamaniin woliin woliigalttee maal qaba? Waaqinni'llee, «Bakka jireenna kiyyaa ummata kiyya jidduu ni taasisa, isaan woliin'llee ni jiraadha, Ani Waaqa isaanii ni ta'a, isaan'llee ummata kiyya ni ta'an» jedhee akkuma dubbate, nu'u tokkoon tokkoon keenna Mana Waaqeffannaa Waaqa jiraata'aati. Dabalee'llee Gooftaan akkana jedhee jira, «Isaan jiddu'uu fooyama'aatii bayaa, waan battii ta'e'llee hin tuqinaa, ani'llee isin ufitti ni fudhadha, Ani abbaa keessan ni ta'a, isin'llee ijoollee tiyya ka dhiiraatii fi ta dubaraa ni taatan, jedha, Waaqinni maraa danda'u.» Eegaa yaa obboleeyyan, abddiin kun marrinuu ka kenname nu'uf waan ta'eef, Hafuura waan batteessu waanuma kamiin irraayyuu, mataa keenna haa qulqulleessinuu, Waaqa'llee sodaachu'uun qulqullaayomnni muda maleessa akka ta'u haa taasfnnu. Onnee teessaniin ufitti nu fudhadhaa, nu'u eennuun'llee gadi hin qabnne, eennuun'llee hin miine, eenuun'llee itti fayyadama keennaaf hin taasfnneen. Kana'llee ka jedhuuf isin irratti murteesu'uufii miti. Akkuma asiin durana isinitti hime, isin onnee keenna keessa jirttan, kanaaf jireennaan ta'ee du'aan'llee, yeroo maraa isin irraa hin fooyaminnu. Amanitiin isin irratti qabu ol aana'aa, dhaaduun isin irratti qabu'llee gudda'a, isiniin'llee ni jajabaadha, rakkinna keenna maraan'llee haalaan ni gammada. Yeroma Maqedooniyaa geennettuu kallattii baayi'e'een rakkinnatu nurra gaye malee boqannaa woyiituu hin arganne, alaan wol dhaba, keessan'llee soda'atu nutti jira ture. Garuu Waaqinni worra salphatan jajabeessu, dhufaatii Tiitoosiitiin nu ni jajabeesse. Ka jajabaanne'llee dhufaatii isaa qofaan uduu hin ta'in, isin ka isa jajabeestaniin ta'uu keessa dhagayuu keenna dabalu'uun'lle'e, yaadayuun waayee keennaaf qabddan, gaddaa fi sarddama'llee yeroo nutti himetti, caala'atti ni gammanne. Asiin durana ergaan isiniif barreesse ka isin gaddisiise yoma ta'e'llee, ergicha barreessuu kiyyaan hin gaabbu, gaddee yoma jiraadhe'llee waan ergaan kiyya yeroo muraasaaf isin gaddisiiseef. Amma garuu gammadee jira, sababaan ittiin gammadeef'llee waayee isin hin gaddisiiseef uduu hin ta'in, sababaa gadda keessaniitiin dhiifamaan gara Waaqaa deebitanii jijjiiramuu keessaniin, eegaa gaddi keessan akka fedha Waaqaa waan ta'eef, nu'u womaa isin hin miine jechu'u. Gaddi akka fedhii Waaqaa ta'u gara fayyinaa titti ka eemaru, jijjiirraa dhiifamaan cubbu'uutiin argamu waan argamisiisuuf, gaabbii itti hin aanssu, gaddi biyya lafaa garuu du'a ni fida, Gaddi keessan kun fedhii Waaqaatiin ta'uun isaa, deebii ittisaa ka attam ta'e kennuu isaa, attam dadafaan dallanuu, sodaa attam jiru, yaaduu attam jiru fi hinaaffaa attam jiru, adabbii attam jiru'llee akka itti hin aansineef qalbbi'iin hubadhaa. Isin ammoo waan maraanuu dhimmicha irraa bilisa ta'uu keessan, rageesisiifttanii jirttan. Kanaaf yoma isiniif barreesse'llee ani isinii ka barreesse hisanni isin nu'uuf qabddan, Waaqa duranatti isiniif ifa akka ta'uuf jedheeti malee, waayee nama balleessaa hojjateetii fi waayee nama miidhaan isa irratti raawwatameetiif jedheetii miti. Jajabaachuu keennaa alatti'llee gammachuu Tiitoos argateen caala'atti gammannee jirra, ka gammanne'llee marri keessanuu Tiitoosiin waan jajabeesitaniinii fi hafuura isaa'llee waan boqachiifttaniif. Dhaaduu isiniin ni qaba ture Tiitoostti himee jira ture, isin'llee ana hin saalfachiifnne, yeroo maraa dhugaa isinitti ni hima ture, kun'llee waayee keessaniif dhaaduun Tiitoostti himnne, dhugaa ta'uu isaatiin mirkanaayee jira. Marri keessanuu ajajamoota akka taatanii fi soda'aa fi hollataan'llee akka isa ufitti fudhattaniin Tiitoos yoo yaadatu, jaalalitti inni isiniif qabu haalaan ol aanaa ta'ee jira. Ani'llee karaa maraanuu isin abddii taasfachuu danda'uu kiyyaan, caala'atti gammadee jira. Yaa obboleeyyan! Kennaa bilisaa ka Waaqinni woldayoota kristaanota Maqedooniyaa jiraniif kenne, akka beekitaniif ni barbaanna. Isaan rakkinnaa baayi'e'een qormaatamanii jiran, haa ta'u malee gammachuun isaanii ol aanaa ni ture, haalaan hiyyeeyyii yoma ta'ani'llee, arjooma ol aanaa raawwatanii jiran. Haga danda'anii fi haga isaaniif danda'amuu fi haga danda'amuu oltti'llee fedha isaaniitiin akka kennan, ani isaaniif ragaa ni baya. Kristaanonni Yihudaa jiran carraan gargaaru'uu akka isaan hin dhoogamnneef'llee, cimisanii nu ni kadhatan, wonitti isaan raawwatan ka nu eeginnee olitti, jalqaba mataa isaanii Goofta'aaf ni kennan, itti aanssanii'llee Waaqa duranatti fedhii mataa isaaniitiin mataa isaanii nu'uuf kennanii jiran. Hujii kana durssee ka jalaqabe Tiitoosiin waan tureef amma'llee hujima arjoomaa keessan kana gara muumme'eetiin akka gayuuf, isuma kadhadhaanii jira. Isin amanti'iin, haasayaan, beekkomisaan, hisataan, jaalala nu'uuf'llee qabddanii fi waan maraanuu ni caalttan, hujii arjoomaa kanaan'llee akka caalttan haa ta'u. Eegaa kana ka isiniin jedhu isin ajaju'uunii miti, garuu hisata kenna'aa ka kaanniinii isiniin woliin wol biratti laalu'uun jaalalli keessan dhugaalessa ta'uu mirkaneessu'uuf jedheeti. Isin kennaa bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii ni beekittan, inni yoma dureessa ta'e'llee hiyyeessa ta'uu isaatiin, isin dureeyyii akka taataniif waayee keessaniif jedhee hiyyeessa ni ta'e. Dhimma kanaan isiniif mishaa ta'ee ka natti mulidhate gorssa isiniif ni kenna, woggaa dabrre kennuu qofaaf uduu hin ta'in kana raawwachu'uuf jalqaba, ka barbaaddan isin turttan. Kanaaf kennu'uuf eeyamummaa keessan hujii irra oolee gara muumme'ee akka gayuuf, huminna haga qabdaniitiin waan yaaddan ammuma raawwadhaa. Kennu'uuf fedhiin misha'aan yoo jiraate arjoominni namaa fudhatama ka argatu, haga qabuun yoo kenne malee haga hin qabnneen yoo kenneenii miti. Kana'llee yoo jedhu marri keessanuu wol qixa akka taataniif malee, isin kennu'uun yoo rakkattan kuunniin akka boqataniifii jedheetii miti. Isin yeroo rakkattaniiti qabeenni isaanii rakkinna keessaniif akkuma oole amma qabeenni keessan rakkinna isaaniitiif haa oolu, bifa kanaan jidduu keessan wol qixxummaan ni jiraata. Kun'llee, «Baayi'ee ka wolitti qabe hin hafinneef, shiikkoo wolitti ka qabee'llee jalaa hin dhidhanne» jedhamee akkuma barreeffame. Haga ani isiniif yaadu Tiitoos'llee isiniif onne'een akka yaadu, Waaqinni taasise haa galatoomu. Tiitoos gara keessan ka dhufe fedhuma mataa isaatiin kaka'ee gammachu'uun malee, nu'u waan isa kadhanne qofaafii miti. Lallaba isaa ka wongeelaatiin woldayoota amanti'ii maratti obboleessa galateeffatame, isaan woliin ni ergina. Kanaa oltti'llee obboleessi kun nu'u hujii bayeessa kana ulfinna Goofta'aatiif yoo raawwannuu fi tajaajilu'uuf hawwii mishaa qabnnu yoo ibisinu nu woliin deemu'uun, qoodamaa hujii keenna akka ta'uuf, woldayoota krirstaanaatiin ka filatame. Qarshii arjoomaan kenname kana'llee yoo bulchinu, ashaan woyiituu akka nurra hin geenneef, ufi eegganna ni taasfnna. Kaayyoon keenna Gooftaa durana qofatti uduu hin ta'in, namoota duranatti'llee waan mishaa ta'e raawwachu'u. Yeroo baayi'ee karaa baayi'een qoratamee hisataa ta'ee ka argame obboleessa keenna Tiitoosiin woliin ka ergineef'llee waayee kanaan, inni amantiin isin irratti qabu guddaa waan ta'eef, amma hujii kanaan gargaaru'uuf hisanni inni qabu, ka yeroo kamiinuu caalu. Waayee Tiitoosii beekuu yoo barbaachise isin garggaaru'uun ka ana woliin hojjatu waahelli hujii kiyyaati, isaan woliin waayee worra dhufan obboleeyyan bira'aa yoo ta'e, isaan ulfinna bakka bu'oota woldaya amanti'iitiif ka dhaabatan. Kanaaf jaalala keessan isaaniif ibisaa, bifa kanaan jaalala keessan fi dhaadannoon isin irratti qabnnu, tasa ta'uu dhabuu isaa woldayoota kristaanotaa marattuu ni muldhifttan. Kristaanota Yihudaa jiraniitiif waayee buusii raawwatamuu isinii barreessuu hin barbaadu, «Namoonni biyya Akaayiya'aa waggaa dabrree jalaqabanii gargaaru'uuf qophaayota» jedhee, namoota Maqedooniya'aa biratti waayee keessaniin ka dhaadadhu, hisata keessan waan beekuuf, hisanni keessan kaanniin'llee kakaasee jira. Waayee kanaan dhaadannoon isin irraatti qabnnu tasa ta'ee akka hin hafinneef obboleeyyan kanniin ni erga, isin'llee akkuma ani asiin duran jedhetti qophaaya'aatii eegaa. Namoonni Maqedooniya'aa anaan woliin gara keessan dhufanii, ka hin qophaayin taatanii yoo isin argan isiniin dhaadachuu keennaaf ni saalfanna, isin ammoo haalaan ni saalfattan. Kanaaf kennu'uuf waadaa ka aseenttan kennaa keessan ka arjoomaa, durssitanii akka qopheesitan akka isin yaadachiisaniif jechu'uun, obboleeyyan kunniin durssanii gara keessan akka dhufan, barbaachisaa ta'ee argadhee jira. Bifa kanaan yeroo ani dhufutti kennaan keessan ka arjoomaa qophaayaa ni ta'a, isin'llee worri kennitan dirqamaan uduu hin ta'in, fedhi'in ta'uu isaa ni muldhisa. «Muraasa ka facaase callaa muraasa wolitti ni qaba, baayi'ee ka facaase callaa baayi'ee wolitti ni qaba» jecha jedhu, yaadadhaa. Kanaaf Waaqinni ka jaalatu nama gammachu'uun kennu waan ta'eef tokkoon tokkoonuu waan kennuu barbaade, onnee isaa titti eeyyamee gammachu'uun haa kennu malee, shakka'aa yookiin dirqamaan hin kennin. Yeroo maraa waan maraanuu mataa keessan dandeettanii hujii mishaa maraaf oolichu'uuf akka isinii gayu, Waaqinni baayi'innaan eebba isaa isinii kennuu ni danda'a. Kana'llee, «Hiyyeesotaaf arjjoomaan ni kenne, akka qulqullaayomu isaa'llee bara baraaf ni jiraata» jedhamee, akkuma barreeffame. Facaasa'aaf sanyii, nyaataaf buddeena Waaqinni kennu, sanyii facaafttan atootessee isiniif ni kenna, firii arjjoomnni keessan isinii ni baayi'ata. Arjjoomnni keessan karaa keennaan namoonni isaan gayu marrinuu Waaqa akka galateeffataniif, yeroo maraa akka arjjoomittaniif Waaqinni waan maraanuu isin ni duroomissa. Tajaajilli arjjoomaa ka raawwata'aa jirttan kun rakkinna kristaanotaa dhabamsiisu'uun alatti'llee, namoonni Waaqaaf galata baayi'ee akka dhiyeessan isaan ni taasisa. Tajaajilli arjjoomaa keessan kun isin wongeela Kristosii fudhattanii amanamoota ta'uu keessan fi isaaniif kaanniinii'llee arjjoomuu keessan ka mirkaneessu waan ta'eef, marrinuu Waaqa ni galateeffatan. Isaan'llee Waaqinni ka isinii kenne caala'atti, sababa kennaa bilisaatiin waan isin jaalataniif, isinii ni kadhatan. Jecha namaatiin dubbatamu'uuf ka hin danda'aminne, waayee kennaa isaatiif Waaqinni ka galateeffame haa ta'u. Ani Phaawulos isin durana yeroo jirutti gara laafessa ni jedhame, isin irraa yeroo fagaadhu garuu isin irratti uggaa ni jedhame, arjjummaa Kristositii fi mishummaa isaatiin isin ni kadhadha, ka isin kadhadhu'llee gara keessan yeroo dhufutti uggiinsaan akka dubbadhu akka ana taasfttaniif, yaada fooniitiin akka yeroo dedeebinuu taasisanii worra tilmaaman namoota tokko tokko duranatti garuu, uggiinsaan dubbachu'uuf ni barbaada. Yoma biyya lafaa irra jiradhe'llee, loli lolu ka biyya lafaatii miti. Meeshaawwan keenna ka lolaa'llee kushee diigu'uuf ka dandeesisu, huminna Waaqumma'aa ka qaban malee, meeshaawwan woraanaa ka biyya lafaatii miti. Waaqa beekuu irratti gufuu ta'anii worroota ka'an mormma'aa fi ufi tuulummaa ni diiginna, yaada namootaa mara'llee booji'aa Kristosiif akka ajajaman ni taasfnna. Ajajaminni keessan muda maleessa yoo ta'u, ajajamuu dhabuu kamiinuu adabu'uuf qophaayota ni taana. Isin ka laalttan waan alatti muldhatu qofa, naminni kumi'llee ani ka Kristositi jedhee ufitti yoo amane irra deebi'ee itti haa yaadu, nu'llee akkuma isaa ka Kristosii ta'uu keenna haa hubatu. Waayee aangoo Gooftaan nuuf kenneetiif haalaan yoo dhaadadhe'llee itti hin saalfadhu, aangoon kun ka nuuf kennameef isin ijaaru'uuf malee, diigu'uufii miti. Ergaa kiyyaan waan isin sodaachisu isinitti hin fakkaatin. Yookiin, «Tokko tokko ergamoota Phaawulosii ulffaattotaa fi cicimootaa fi inni mataan ka dhiban, inni mataan isaa nu woliin yoo ta'e garuu dadhaba'a, haasofnni isaa'llee ka tuffatame» ni jedhan ta'a. Namoonni kana jedhan nu'u fagoo taanee ergaawwan keennaan ka barreessinuu fi dhiyeennatti'llee isin woliin taanee hujii hojjannu jidduu, garaa garummaan woyiituu ka hin jiraanne ta'uu haa hubatan. Haa ta'u malee mataa isaanii ka galatoomiffatan namoota tokko tokko woliin mataa keenna wol dorgomssiisuu yookiin mataa keenna'llee wol biratti laalu'uuf hin ugginu, isaan garuu mataa isaanii mataa isaaniitiin wol biratti madaalu'uu fi mataa isaanii'llee mataa isaanii woliin wol dorgomsiisuu isaaniitiin, hubattootaa miti. Nu'u garuu haguma keessan'llee haga geennutti kutaa huji'ii ka Waaqinni nuuf kenneen ni dhaadanna malee, hagaa olitti ka ufi tuulluu miti. Isin'llee ka jirttan naannoo hujii keennaa keessa waan ta'eef wongeela Kristosii barsiisu'uuf gara keessan yeroo dhufnnetti, naannoo san hin dabarre. Kanaaf naannoo Waaqinni nu'uuf murteesse irra dabarree hujii kaanniiniitiin haga malee hin dhaadannu, kana irra amantiin keessan akka guddatuu fi hujiin keenna'llee naannoo Waaqinni nuuf murteesse keessatti caala'atti akka babaldhatuuf, abddii ni taasfnna. Eegaa naannoo hujii nama bira'aa keessa aseennee hujii durssee hojjatameen uduu hin dhaadatin, biyyoota isinii achi jiranitti dubbii gammachu'uu lallabuu ni dandeenna. Garuu, «Ka dhaadatu Goofta'aan haa dhaadatu.» Naminni galateeffamu'uuf ka gayu Gooftaan yoo isa galateeffate malee, mataa isaatii mataa isaa yoo galateeffatee miti. Gowummaa kiyya muraasa akka naaf obissitan abddii ni taasisa, yabo'oo naa obissaa. Akka durbba duudaa qulqullittiin takka durbummaa isi'iitiin abbaa worra tokkoof qaadhimamittuu titti, ani'llee isin Kirstosiif waan isin qaadhimeef, waayee keessaniif hinaaffaa hafuuraa ni hinaafa. Bofinni Hewaanin dabaan akkuma isii dogoggorssiiseen yookiin yaadinni keessan'llee badee, Kristosiif ka qabddan yaadinni qajeelaan, qulqulluu fi amanammummaa ni dhiifittan jedhee sodaadha. Naminni tokko gara keessan dhufee nu'u ka lallabnne uduu hin ta'in Yesusii bira'aa isiniif yoo lallabe, yookiin hafuura isin ufitti fudhattan uduu hin ta'in hafuura bira'aa yoo fudhattan, yookiin wongeela ufitti fudhattan uduu hin ta'in wongeela bira'aa yoo fudhattan, caldhifttaniituma injifatamtan jechu'u. Garuu ani ergamittoota ol aanota ta'an kanniin womaanuu ka hanqadhu natti hin fakkaatu. Toofittaa haasayaatiin nama barate ta'uu yoma dhabaadhe'llee, beekkomissi natti hin dhidhatu, kana'llee yeroo baayi'ee karaa baayi'een, ifatti hubachiisee jira. Ani wongeela Waaqaa mindaa malee isiniif lallabuu kiyyaa fi isin ol qabu'uun mataa kiyya salphisuun kiyya, yookiin akka cubbu'uu titti natti lakkayamee jiraatinnaa ree? Isin tajaajilu'uuf woldayoota kristaanaa kaanniin irraa gargaarssa fudhuu kiyyaan, isaan saamee jira. Isin woliin yoo jirutti rakkoon yeroo narra gayetti obboleeyyan Maqedooniya'aa dhufan, waan ana barbaachisu maraanuu ana gargaaran waan tureef eennuun irratti'llee ba'aa hin taane, haga ammaa isin irratti womaanuu ba'aa hin taane, ufi duranaaf'llee ba'aa isinitti hin ta'u. Dhugaan Kristosii ana keessa jiraachuu isaatiin akka hin dhaadanne ka ana taasisu, biyyoota Akaayiyaa titti eennu'llee hin jiru. Waayeen'llee maali'i? Waan isin hin jaalanneef moo? Akka isin jaaladhu ammoo Waaqinni ni beeka. Ergamoota bira'aa sunniin, «Nu'llee akka isaanii titti ni hojjanna» jedha'aa, dhimma ittiin dhaadatan isaan dhabsiisu'uuf amma, waan raawwadhu ufi durana'llee ammoo ni raawwadha. Namoonni akkana jiran kunniin ergamittoota Kristosii fakkaachu'uuf mataa isaanii ka jijjiiranii fi ergamittoota dharaatii fi hojjatoota nama goowwoomisan. Kun'llee waan nama dinqisiisuu miti, Sheexanninuu maleyikkaa ifaa fakkaachu'uuf, mataa isaa ni jijjiira. Kanaaf kunniin tajaajiltoonni sheexanaa tajaajilttoota qulqullumma'aa fakkachu'uuf, mataa isaanii yoo jijjiiran hin maalalchiisu, dinqisiisu, muummee irratti gatii hujii isaanii ni argatan. Naminni kum'llee waan ani gowwaa ta'e isatti hin fakkaatin jedhee irra deebi'ee ni dubbadha. Gowwaa yoma isinitti fakkaadhe'llee muraasa akka dhaadadhuuf, akka gowwa'aa taasisa'aatii ana laakkayaa. Akkuma kana ufi dhaadu'uun yoo dubbadhu ka dubbadhu akka fedhii Goofta'aa uduu hin ta'in, akka gowwa'aa ta'eeti. Baayi'eewwan yaada fooniitiin ufi yoo dhaadan, ani'llee ni dhaadadha. Isin hubattoota akka ta'uu keesaniitiin, gowwoota gammachu'uun ni obissitaniif. Akkuma kana eennu'llee akka garbichaa yoo isin taasise, eennu'llee isin yoo saame, eennu'llee isinitti yoo fayyadame, eennu'llee yoo isin tuffate, eennu'llee fuula keessan dhabanaassa'aan yoo isin dhaye'llee, ni obissitan. Ka ana saalfachiisu yoma ta'e'llee wonittoota kanniin raawwachu'uuf jajaboota ta'uu dhabuu keenna, isiniif ni ibisa, Garuu eennu'llee dhaadachu'uuf yoo ugge, ani'llee akka isaa uggee ni dhaadadha, kana ka jedhu amma'llee akka gowwa'aa ta'eeti. Isaan Ibiroota moo? Ani'llee Ibraawicha, Isaan Israa'eeloota moo? Ani'llee Israa'eelicha, isaan fiixaa Abrahaamiitii moo? Ani'llee fiixaa Abrahaamiiti. Isaan tajaajilttoota Kristositi moo? Ani'llee isaan caalaa tajaajilaa Kristositi, kana'llee yoo jedhu akka maraattu'uu ta'eeti ka dubbadhu, isaan caalaa yeroo baayi'ee huji'iin dadhabee jira, yeroo baayi'ee hidhamee jira, yeroo baayi'ee dhaanamee jira, yeroo baayi'ee galttee du'aatiif gayee jira. Giraafii soddomii sagal, soddomii sagal yeroo shanii Yihudotaan dhaanamee jira, yeroo sadihi ule'een dhaanamee jira, yeroo tokko dhaga'aan woqaramee jira, yeroo sadihi galteen dooni'ii narra gayee jira, halkan tokkoo fi guyyaa tokko garba ciisaa irra ni ture, Baayi'inna deemssa kiyyaatiin baayi'inni lagaa fi lola'aa, galteen shifttootaa'llee narra gayee jira, worra Yihudotaatii fi worra kiyya Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irraa'llee galtteen narra gayee jira, magaala'aa fi gammoojji'itti, garba ciisa'atti'llee galtteen narra gayee jira, akkuma kana amanttoota dharttoota irraa'llee galtteen narra gayee jira. Hujiin baayi'ee fi dadhabbiin'llee natti ni jiran ture, yeroo baayi'ee hirriba dhabee jira, beelaa fi dheebuu bishaaniitiin'llee sarddamee jira, yeroo baayi'ee'llee dhabiinssi nyaataa narra gayee jira, qorraa fi daarri'llee narra gayee jira. Wonitti bira'aa marri'llee uduu hin lakkaayamin waayee woldayoota kristaanaa maraaf guyya guyya'aan yaadu'uun, ni sarddama ture. Naminni tokko yoo dadhabu ani woliin ka hin dadhabin yoom? Naminni tokko cubbu'uun yoo gufatu, ani ka hin dallaniin yoom? Dhaadachuu ka barbaachisu yoo taate ani ka dhaadadhu, dadhabummaa kiyya wonittoota muldhisaniin. Bara baraaf ka galateeffame Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenna Yesus Kristosii, akka ani hin kijibnne ni beeka. Magaalaa Damaasqo'oo yeroo turetti nugusicha Areexaasii gadi ka ture bulchaan biyyaa ana qabu'uuf barbaadee, balballan magaala'aa wordiyyootaan ni eegisisa ture. Garuu namoonni karaa fooddaa kaloo kaabaa dhaga'aatiin ginboolaa keessa kaayanii gad ana buusaniit, harka isaatii ni baye. Yoma dhaadachu'uun faayiidaan ka hin argaminne ta'e'llee dhaadachuu yoo barbaachise, muldhataa fi waan Gooftaan yaada kiyya keessa naa ibiseen ni dhaadadha. Ka Kristosii ka ta'e nama tokko ni beeka, naminni kun woggaa kudha afuriin duranatti haga samii sadaffaa titti ni fudhatame, ka fudhatame'llee foon isaa woliin haa ta'uu yookiin hin ta'inii isaa hin beeku, Waaqinni ni beeka. Garuu naminni kun gara jaayinataa akka fudhatame ni beeka, garuu foon isaa woliin haa ta'uu yookiin hin ta'inii hin beeku, Waaqinni ni beeka, inni'llee gara jaayinataa butamee jecha namaatiin'llee ibisamu'uu fi naminni'llee dubbatamuu hin dandeenne, ni dhagaye. Nama akkanaa kanaan ni dhaadadha, waayee mataa kiyyaa garuu dadhabaa ta'uu kiyyaan alatti, waan ittiin dhaadadhu hin jiru. Eegaa, ani dhugaa waan dubbaduuf dhaadachuu yoo barbaade'llee gowwaa hin ta'u, garuu eennu'llee ana irratti ka arguu fi ani'llee ka dhagayuu olitti, tilmaama akka hin kennamnneef jedhee, dhaadachuu irraa ufi ni qusadha. Kanniin wonittoota ol aanota natti mulidhatan irraa ka ka'een akka ufi hin dhaadinnef, foon kiyya akka qore'ee titti ka woraanu makkaraarnni naaf ni kenname, kun'llee barataa sheexanaa ta'u'uun ana gad qabee makkaraarssu'uun, akka ani ufi hin dhaadinne ana taasisa. Kun wonitti ana makkaraarssu ana irraa akka dhabamisiifamu'uuf, Gooftaa yeroo sadihi ni kadhadheen. Inni garuu, «Huminni kiyya muda maleessa ta'ee ka mulidhatu dadhaba keetiin waan ta'eef, kennaan kiyya ka bilisaa si gaya» naan jedhe, kanaaf huminni Kristosii ana irratti akka ta'uuf yeroo kamiinuu irra dadhabaa ta'uu kiyyaan gammada'aa, ufi dhaadu'uuf ni jaaladha. Huminna ka argamu dadhabaa yeroo ta'utti waan ta'eef waayee Kristositiif yoo dadhabu, yoo arrabssamu, yoo rakkadhu, yoo ari'atamuu fi yoo sarddamu ni gammada. Akka gowwa'aa ni dubbadhe! Eegaa, akkanatti akka dubbadhu ka ana taasfttan isin, ana galateeffachuu ka qabddan isin turttan, ani nama eennummaan kiyya ka hin beekkaminne yoma ta'e'llee, ergamittoota ol aanttota jedhaman womaanuu hin hanqadhu. Ani ergatamaa dhuga'aa ta'uu kiyya wonittoonni hubachiisan yeroo jidduu keessan jirutti, hujiiwwan ani obissaan raawwadhe, malikatoonni sunniinii fi wonittoonni maalale'ee baasota'llee. Isin irratti ba'aa uduu hin ta'in hafuu kiyyaan alatti woldaya kristaanotaa kaanniinii gadi, wonitti isin irraa dhidhise taasise maali'i? Kun'llee balleessaa ta'ee yoo ka lakkaayamuu dhiifama naa taasisaa! Gara keessan dhufu'uuf yeroo qophaayu amma sadaffaa kiyya, ani ba'aa isinitti ta'uuf hin barbaadu, ani ka barbaadu isin malee qarshii keessanii miti. Ijoollee isaaniitiif qabeenna kuusuu ka qaban isin maati'i malee, ijoolle'ee maati'i. Waayee keessaniif qabeenna kiyya dhiisii mataa kiyya'llee dabarssee uduu kennee, haalaan ni gammada, eegaa ani hagana mara baayi'isee yoo isin jaaladhu, isin ka ana jaalattan akkuma kana muraasaan moo? San ta'ee kana ba'aa isinitti hin taa'u, haa ta'u malee dabaa fi sossobu'uun, ka isin qabe isinitti ni fakkaata. Karama namoota isinii erge tokkootiinuu isinitti fayyadamee jiraa ree? Tiitoos gara keessan akka dhufuuf ni kadhadheen, obboleessa keenna san'llee isaan woliin ergeenii jira, eegaa, Tiitoos isinitti ni fayyadamee ree? Anaa fi inni ka isin tajaajille hafuura tokkoon hin turree ree? Adeemissi keenna hoo tokko hin turree ree? Marri keessanuu haga ammaa titti ka yaadan nu'u isin duranatti waayee mataa keennaatiif akka waan ufi irraa ittifata taasfttaniiti moo? Nu Kristosiin taanee ka dubbannu Waaqa duranatti, Yaa waaheloota! Nu'u kana maraa ka dubbannu isin ijaaru'uuf jenneeti. Ani garas yeroo dhufutti yookiin akka ta'uu qabddan uduu hin ta'in, ani'llee akka isin barbaadan uduu hin ta'in, wol argina ta'a jedhee ni sodaadha, akkuma kana isin biratti wol dhabiinssi, hinaaffaan, dallansuun, mataa ufii jaalachuun, maqaa namaa balleessuu, hamtti, ufi tuulumma'aa fi jeeqamnni ni jiraata ta'a jedhee ni sodaadha. Deebi'ee gara keessan yoo dhufu Waaqinni kiyya yookiin isin duranatti ana ni salphisa jedhee ni sodaadha, asiin durana cubbuu hojjatanii battummaa raawwatan kanaan, sagaagalaa fi gad dhiifammummaan waayee namoota gara Waaqaa hin deebi'iniitiif, gadda irratti ni kufa jedhee ni sodaadha. Eegaa gara keessan yoo dhufu kun sadaffaa kiyya, yoomuu wonitti marrinuu ka mirkanaayu ragaa lamaan yookiin sadi'hiin. Iaalicha kiyya ka lammaffa'aatiin isin woliin yeroo turetti, ufi eegganna'aan dubbadhee ture, amma ammoo fagoo ta'ee asiin durana worra cubbuu hojjatanii fi kaaniiniif'llee, ufi eeggachiisu'uun ni dubbadha, amma gara keessan deebi'ee yeroo dhufutti eennuuf'llee hin nayu. Isin ana keessa bulee ka dubbatu Kristosiin ta'uu isaa mirkaneesu'uuf ni barbaaddan, isin biratti ka muldhatu'llee huminna isaati malee, dadhabbii isaatiinii miti. Inni fannoo irratti fannifamee ka du'e dadhabaa ta'uu isaatiin yoo ta'e'llee, amma huminna Waaqaatiin lubbu'uun ni jiraata, nu'llee isa woliin dadhabddoota taanee jirra, wolitti dhufeenna isin woliin qabnnuun garuu isa woliin, huminna Waaqaatiin ni jiraanna. Amantii keessaniin ka jabaattan ta'uu keessan mirkaneessu'uuf mataa keessan qoradhaa, mataa keessan qormaataa, Yesus Kristos isin keessa jiraachuu isaa hin hubanne moo? Kana ta'uu yoo dhabeete qormaataan kufttanii jirttan jechu'u, Nu'u qormaataan kufuu dhabuu keenna akka nuuf hubattan, abddii ni taasfnna. Waan hamaa akka hin raawwanneef gara Waaqaa ni kadhanna, ka kadhannu'llee yoma nu'llee worra gayeessota taanee uduu hin muldhatin yoo hafinne'llee, isin yeroo maraa waan mishaa ta'e akka raawwattaniif malee, nu'u gayuumissa keenna muldhisu'uufii miti. Nu'u waan dhuga'aatiif hojjanna malee, duddagala dhuga'aa ka ta'e womaayyuu hin hojjannu. Nu'u dadhabddoota taanee isin garuu jajaboota yoo taatan ni gammanna, kadhannaan keenna akka isin muda maleessota taataniif. Ergaa kana isin irraa fagaadhee uduu jiru ka isiniif barreesse woma kanaaf, bifa kanaan gara keessan yeroo dhufutti aangoo Gooftaan naa kenneen isin hin sarddu, Gooftaan aangoo ka naaf kenne isin ijaaruuf malee, isin diigu'uufii miti. Waan hafeen yaa obboleeyyan! Nagayaan ta'aa! Akkaataa jireenna keessan sirreeffadhaa, gorssa kiyya horddofaa, ufii keessan woliigalaa, nagayaan jiraadhaa, Waaqinni jaalala fi nagayaa isin woliin ni ta'a. Wol dhungoo Qulqullaayome qabuun wol dhungata'aa nagaya wol gaaffadhaa, Amanttoonni marrinuu nagaya isiniif ni dhiyeessan. Keennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii, jaalallitti Waaqaa, tokkummaan Hafuura Qulqullu'uu isin mara woliin haa ta'u. Namootaan yookiin karaa namaatiin uduu hin ta'in, karaa Yesus Kristositii fi karaa ka isa'llee du'aa kaase Waaqa Abba'aan barataa ta'ee ka ergame ana Phaawulosiin irraa, anaan woliin obboleeyyan jiran mara irraa, woldayoota amanti'ii ka Galaatiya'aatiif ka ergame. Abbaa keenna Waaqa, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin biraa'llee kennaan bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u. Bara hamaa kana jalaa akka nu baasuuf Waaqa keennaa fi fedhii Abbaa keennaatiin, Kristos waayee cubbuu keennaatiif mataa isaa ni kenne. Baraa haga baraa titti Waaqaaf ulfinni haa ta'u! Ameen. Kennaa bilisa ka Kristositiin akkana fooyamu'uu fi gara wongeela bira'aa dabuun keessan, ana maalalchiisa. Kana'llee ka jedheef worri dubbii isinitti bitaa taasisanii fi wongeela Kristosii'llee dabssu'uuf ka barbaadan, namoonni tokko tokko waan jiraniif malee jalqabatti wongeelli tokko qofa. Haa ta'u malee nu'llee taanaan, yookiin maleyikkama sami'ii'llee yoo ta'e, wongeelli nu'u isiniif lallabnne irraa ka adda ta'e yoo isinitti lallabe, ka abaarame haa ta'u! Asiin durana akkuma jedhe amma'llee irra deebi'ee ni jedha, wongeela isin fudhattaniin adda ka ta'e wongeela bira'aa eennu'llee yoo isiniif lallabe, ka abaarame haa ta'u! Eegaa, ani ka barbaadu naminni akka ana galateeffatuuf moo? yookiin Waaqinni akka ana galateeffatuuf? yookiin nama gammachiisu'uuf ka barbaadu isinitti fakkaatee ta'innaa laata? Namoota gammachiisu'uuf ka barbaadu uduu ta'eetii, tajaajilaa Kristosii hin ta'uuyyu ture. Yaa obboleeyyan! Wongeelli ani isiniif lallabe nama irraa ka argame ta'uu dhabuu isaa akka beekittan barbaada. Wongeela kana Yesus Kristosttu naaf ibise malee nama kamiin irraayyuu hin fudhanneen, yookiin naminni kum'llee ana hin barsiifnne. Duraan yeroo horddofaa amantii Yihudotaa turetti attamitti akka jiraadhe dhageettanii jirttan, Mana Waaqeffannaa Waaqaa hagaa olitti ari'aa, balleessu'uuf ni tataafadha ture. Amantii Yihudotaa eegu'uun worroota bara kiyyatti turan baayi'eewwan worra Yihudotaa mara irraa ni caala ture, waayee aadaa abbooti'iitiif'llee hinaaffaa ol aanaa ni qaba ture. Garuu dhalachuu kiyyaan duranatti Waaqinni ana filate, kennaa isaa ka bilisaatiin'llee ana waame. Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne'llee waayee Ilma isaa dubbii gammachu'uu akka dubbadhu Waaqinni Ilma isaa naa ibisu'uuf yeroo jaalatetti, ani eennuun woliin'llee hin mari'anne, yookiin anaan duranatti worra ergamittoota turan woliin gayu'uuf gara Yerusaalemii hin deemnne, garuu durssee gara biyya Arabaa ni deeme, deebi'ee'llee gara Damaasqo'oo ni deebi'e. Itti aanssee'llee woggaa sadiin duubatti Keefaa ka jedhamu Phexirosiin laalu'uuf gara Yerusaalemii ni deeme, achitti'llee isaaniin woliin guyyaa kudha shanii ni ture. Obboleessa Goofta'aa Yaaqoobiin ni arge malee, ergamittoota bira'aa keessaa eennuun'llee hin argine. Kun ka isiniif barreesu dhara akka hin ta'in, Waaqa duranatti isiniif ni mirkaneessa. Kanaan duubatti gara biyya Sooriya'aatii fi gara biyya Kiliiqiya'aa ni deeme. Arddii Yuhuuda'aa ka jiran Woldayoonni amanittoota kristaanaa fuulaa fi fuulatti ana argan'llee, amma'llee ana hin beekinne ture. Isaan ka dhagayan, «Naminni duraan nu ari'aa ture amanitii balleessu'uuf ni barbaada ture san, amma ni lallaba» jecha jedhu ture. Waayee kiyyan'llee Waaqa ni galateeffatan turan. Woggaa kudha afuriin duubatti Baarnaabaasiin woliin gara Yerusaalemii deebi'ee ni deeme, Tiitoosiin'llee ana woliin qabadheenii deemee ture. Ka deeme'llee akka Waaqinni anaaf ibiseen. Kanaan ka ittiin hojjadhee fi ammma'llee ka hojjadu tasa ta'ee akka hin hafinne jechu'uun, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef wongeelli lallabu namoota hangafoota durssitoota ta'aniif, dhuunffa'aan isaaniif ni beekisise. Tiitoosiin anaan woliin ni jira ture yoma Giriikicha ta'e'llee akka gadoomuuf, hin dirqamsiifamnne. Garuu jidduu keennaan huluuqanii dhossa'aan worri aseenan obboleeyyan dharttoonni tokko tokko akka gadooman barbaadanii turan, namoonni kunniin basaasaaf jidduu keenna huluuqanii ka aseenan, Yesus Kristosiin bilisummaa qabnnu fudhanii, gara garbumma'aa titti nu deebisu'uuf yaadaniiti. Nu'u garuu dhugaan wongeelaa isin biratti jabaattee akka jiraattuuf jechu'uun, yeroma muraasaafuu harka hin kennanne. Kunniin durssitoota fakkaatanii ka muldhatan garuu, Waaqinni fuula namaa laalee waan hin dalleef, waayee eennummaa isaanii ka duraaniitiif yaada hin qabu, kunniin durssitoota ka jedhaman wongeela ani lallabu ka gammachu'uu irratti, waan haarawa woyiituu itti hin daballe. Gonkumaa Waaqinni Phexirosiin dubbii gammachu'uu Yihuudotatti akka dubbatuuf bifa ergameen, ani'llee dubbii gammachu'uu Ummata Waaqa duga'aa titti hin amannetti akka dubbadhu akka ana taasise ni hubadhe. Kanaaf Phexiros barataa worra Yihudotaa ta'ee akka tajaajiluuf Waaqinni isa taasise, ana'llee barataa ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ta'ee akka isaan tajaajilu ana taasisee jira. Akka utuba'aa fakkaatanii durssitoonni mulidhatan Yaaqoob, Phexirosii fi Yohaannis'llee, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa addaa ka tajaajilaa kana akka naaf kenne yeroo hubatanitti, anaa fi Baarnaabaasiin malikata nu'u woliin hirmmaachuu isaanii ka ta'e harka isaanii ka mirgaa nuuf ni kennan, nu'u gara ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee akka deeminuuf isaan'llee gara Yihudotaa akka deemaniif, wolii ni galan. Garuu hiyyeesota jidduu isaanii jiran akka yaadanuuf yaboo nuun ni jedhan, kun'llee waan ani hisataan raawwadhe. Phexiros gara Anxokiya'aa yeroo dhufetti ifatti dogoggoree waan tureef, isuma duranatti ni mormmeen. Yaaqoob ka isaan erge namoonni tokko tokko gara Anixokiya'aa dhufuu isaaniitiin duranatti, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee jiddu'utti worra amanan woliin ni nyaatan ture, eega isaan dhufaniin duubatti garuu, «Gara ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneetii worri amanan gadoomuu ni qaban» gareewwan jedhan sodaachu'uun, ufi duuba deebi'anii ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irraa ni fooyaman. Kristaanonni gara worra Yihudotaatii ta'an tokko tokko'llee, sareeganummaa Phexirosii ni horddofan, Baarnaabaas'llee uduu hin hafin sareeganummaa isaaniitiin hawatamee ture. Gochi isaanii dhuga'aa woliin woliigaluu dhabuu isaa yeroo argetti Phexiros, «Ati Yihudicha taatee uduu jirttu naamusa Yihudotaatiin uduu hin ta'in, akka naamusa ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee titti ni jiraatta ture. Eegaa, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne naamusa Yihudotaatiin akka jiraatu maali'iif isaan driqamsiiftta ree?» jechu'uun, mara isaanii duranatti isaan ni mormmeen. Dhugamaanuu nu'u dhalootaa kennaan Yihudi'i, akka Ummata Waaqa duga'aa titti hin amannee titti, cubbamootaa miti. Garuu naminni ka qulqullaawomu Yesus Kristostti amanu'uun malee seera raawwachu'uun akka hin ta'in ni beekinna, nu'llee seera raawwachu'uun uduu hin ta'in Kristostti amannu'uun akka qulqullaawomnnuuf Yesus Kristostti amannee jirra, naminni kum'llee seera waadaa duraanii raawwachu'uun hin qulqullaawomu hin argitan. Kristostti amanu'uun qulqullaayomu'uu yoo barbaannu nu mataan keennaa cubbamoota taanee yoo argaminne eegaa, cubbuu akka hojjannu ka nu taasisu Kristos jechu'u moo? Gonkumaa miti! Ani mataan kiyya ka diige naamusa Seeraa deebisee ka hojjadhu yoo ta'e, ani mataan kiyya Seera diigaa ta'uu kiyya ni mirkaneessa jechu'u. Waaqaaf akka jiraadhu karaa Seeraatiin haga waan du'aan fooyamuu titti Seera irraa fooyamee jira. Ani Kristosiin woliin akkuma waan fannifamee titti waan laakkayuuf ammaa achitti Kristos ana keessa ni jiraata malee lubbuu kiyyaaf ka jiraadhuu miti, amma'llee qaama kiyya ka fooniitiin ka jiraadhu ka ana jaalatee fi waayee kiyyaaf'llee mataa isaa dabarssee ka kenne, Ilma Waaqaa titti amanu'uun jireenna argamuun. Kennaa Waaqaa ka bilisaa tasaan hin hanbisu, naminni ka qulqullaayomu seera raawwachu'uun yoo ta'e, Kristos ka du'e tasaan jechu'u. Isin namoonni Galaatiya'aa gowwoota nana! Eennutu waan isin raffisuu fi dhamaasuu isin irratti taasise? Yesus Kristos fannoo isaa irratti fannifamee fuundura keessantti, ifaan ni muldhata ture. Beeku'uuf ka barbaadu kana qofa, haa ta'u malee isin Hafuura Qulqulluu ka fudhattan seera raawwachu'uun moo? Yookiin dubbii gammachu'uu dhageettanii amanu'uun? Isin Hafuura Waaqaatiin jala qabddanii amma tataafii fooniitiin raawwachu'uuf ni barbaaddan, isin haganuma mara gowwootaa ree! Waayee wongeelaatiin rakkinni fudhattan marrinuu tasa ta'ee hafe jechu'u ree? Kana raawwattanii yoo jiraattan dhugamaanuu tasa ta'ee hafee jira. Waaqinni Hafuura isaa ka isinii kennuu fi isin biratti'llee baasa ka taasisu seera raawwachuu keessaniin moo? Yookiin dubbii gammachu'uu dhageettanii amanuu keessaniin? Kun'llee, «Abrahaam Waaqatti ni amane, amantiin isaa'llee qulqullaawome ta'ee ni laakkayameef» jedhamee, akkuma barreeffame. Eegaa worri amanan ijoollee Abrahaamii akka ta'an beekaa. Waaqinni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne amanti'iin akka isaan qulqullaayomssu kitaabnni Qulqulluun durssee argee, «Ummatoonni marrinuu si'iin ni eebbifaman» jechu'uun durissee, Abrahaamiti odduu gammachu'uu himee jira. Kanaaf worri amanan marrinuu Abrahaamii amaneen woliin ni eebbifaman. «Kitaaba seeraa titti ajajoota barreeffaman mara keessattuu jabaatee ka ittiin hin jiraannee fi ka isaan hin raawwanne marrinuu, ka abaarame» jedhamee waan barreeffameef, «Seera raawwachu'uun ni qulqullaayoma» worri jedhan marrinuu, ka abaaraman. «Naminni qulqullaayomaan garuu amanti'iin jireenna ni ariggata» jedhamee waan barreeffameef, seera raawwachu'uun naminni kumuu Waaqa duranatti akka hin qulqullaayomnneef ifa. Seerri amantii irratti ka hunddaayee miti, gonkumaa, «Naminni seeraan jiraachu'uuf ka dandda'u ajajoota seeraa mara yoo raawwate» jedhamee, barreeffamee jira. «Ka muka irratti fannifamee du'u marrinuu, ka abaarame» jedhamee waan barreeffameef, Kristos waayee kennaaf akka nama abaarame ta'ee, abaarssa seerri itti aanssu jalaa, nu baasee jira. Kun'llee ka ta'eef Waaqinni Abrahaamii eebba kenne karaa Yesus Kristositiin ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef akka gayuu fi nu'llee Hafuura Qulqulluu Waaqinni isiniif ni kenna jedhe, amanti'iin akka fudhannuuf. Yaa obboleeyyan! Mee waan kana ka nama biratti baratameen wol biratti laalaa, waadammaan naminni tokko aseeneeyyuu eega mirkanaayeen duubatti, naminni kumi'llee isa diigu'uuf yookiin itti dabalu'uuf hin danda'u. Waaqinni'llee Abrahaamii fi fiixaa isaatii dubbii abddi'ii ka kenne bifa kanaan, kitaabchi dubbiin abddi'ii Abrahaamiin duubatti ka kenname baayi'eewwaniif akka ta'e taasisee, «Fiixaawwan keetiifii» miti, garuu tokkoof akka ta'e taasisee, «Fiixaa keetiif» jedha, kun'llee, «Fiixaa kee» ka jedhame Kristos. Eegaa ani ka jedhu kana, woggaa dhibba afurii fi soddomaan duubatti seerri kenname, durssee Waaqaan mirkanaayee dubbii kenname ka waada'aa diigu'uun, dubbii abddi'ii diigu'uuf hin dandda'u. Wonitti tokko ka dhaalamu karaa seeraatiin uduu ta'ee jiraatee karaa dubbii abddi'ii ka Waaqinni kenneetiin ta'uun isaa ni hafaayyu ture, garuu Waaqinni dhaala Abrahaamiif ka kenne, karaa dubbii abddi'iitiin. Eeegaa, seerri ka kenname maali'iif? Seerri ka dabalame fiixaan Abrahaamiif abddi'iin kenname haga dhufutti hujiin hamaan maal akka ta'e muldhisu'uuf, seerri hujii irra ka oole maleyikkootaan kennamee, karaa nama tokkootiin. Haa ta'u malee jidduu lamaan ta'ee naminni araarssu gama lamaaniif malee, gama tokko qofaafii hin hojjatu, Waaqinni garuu tokko. Eegaa seerri dubbii abddii Waaqaa ni mormmaa ree? Gonkumaa hin mormmu! Seerri jireenni ittiin argamu kennamee uduu jiraateetii, qulqullaayomnni karaa seeraatiin ni argama ture. Garuu Yesus Kristostti amanu'uun ka argamu dubbii abddi'ii worra amananiif akka kennamu kitaabnni Qulqulluun akka jedhutti, biyyi lafaa guutuun cubbu'uuf bitamu'uun, hidhamaa cubbu'uu ta'ee jira. Amantiin dhufu'uun duranatti hidhamtoota seeraa ni turre, amanitiin kun'llee haga yeroo itti muldhatuu titti, eegamissa seeraa jala ni turre. Bifa kanaan amanti'iin akka qulullaayomnnuuf Kristos haga dhufutti, seerri guddisaa keenna ta'ee ture. Amma garuu amantiin waan dhufeef guddifttummaa seeraa jala ta'uun keenna, hafee jira. Yesus Kristostti amanu'uun marri keessanuu ijoollee Waaqaati. Cuuphamu'uun Kristosiin woliin tokko ka taatan marrinuu, Kristosiin akka uffataa titti uffattaniinii jirttan. Marri keessanuu Yesus Kristosiin tokko waan taataniif, Yihudichaa fi Giriikicha, tajaajila'aa fi Gooftaa, dhiiraa fi dubarttii jidduu, garaa garummaan woyiituu hin jiru. Eegaa ka Kristosii yoo taatan fiixaa Abrahaamiiti, akka dubbii abddi'ii titti'llee isin dhaalttota. Ammallee ka jedhu kanuma, dhaalaan daaima ta'ee yeroo argamutti yoma abbaa qabeenna maraa ta'e'llee, garbicha irraa woyiinuu adda hin jiru. Garuu yeroon abbaan isaa isaaf murteesseef haga gayutti, harka guddifttootaa fi soorttotaa jala jira. Akkuma kana nu'u waan hafuuraatiin akka daai'maa yeroo turretti naamusa biyya lafaa kanaaf bitamttoota taanee, garboota ni turre. Garuu barri murttaaye yeroo gayetti Waaqinni Ilma isaa nuuf ni erge, Inni dubarttii irraa ni dhalate, seeraaf'llee ajajamaa ni ta'e. Kana'llee wonitti raawwateef seera jala worra jiran fayyisu'uu fi nu'llee ijoollee Waaqaa akka taanu, nu taasisu'uuf. Ijoollee Waaqaa ta'uu keennaan'llee Waaqaan, «Abbaa» jedha'aa ka isa waamuun, Hafuura Ilma isaa gara onnee keennaa ni erge. Kanaaf ammaa achitti ilma malee ati garbichaa miti, ilma eega taate'llee ati dhaalaa Waaqaati. Kanaan durana waayee Waaqa beekuu dhabuu keessaniitiin, amala isaaniitiin waaqota ka hin ta'iniif garbootaa taatanii ni bitamittan ture. Amma garuu Waaqa beekittanii jirttan, caala'atti ammoo Waaqinni isin beekee jira, eegasuu, gara isaan dadhabiddootaa fi bu'aa ka hin qabnne naamusa biyya lafaa san attamitti deebitan? Attamitti'llee deebitanii garboota isaa ta'uuf barbaaddan? Guyyootaa fi ji'oota adda addaatiin kutaawwan wogga'aa ka murttaayanii fi woggootaaf ufi eeggannaa taasisu'uun, ulfinna addaa ni kennitan. Isin jiddu'utti dadhabbiin huji'iin dadhabe marrinuu, tasa ta'ee hafa jedhee ni sodaadha. Yaa obboleeyyan! Ani akka keessan waan ta'eef isin'llee akka kiyya ta'aa jedhee isin ni kadhadha, isin womaayyuu ana hin miine. Yeroo jalqabaatiif dubbii gammachu'uu isinii lallabu'uuf carraa ka argadhe, dhibee irra yeroo turetti ta'uu isaa ni beekittan. Yoma dhukkubsanni kiyya qormmaata isinitti ta'e'llee isin ana hin tuffanne, yookiin ana hin balfine, gonkumaa maleyikkaa Waaqaa akka nama ufitti fudhatuu taatanii ufitti ana ni fudhattan, akkuma kana akka waan Yesus Kristosiin ufitti fudhattanii taasfttanii ufitti ana ni fudhattan. Gammachuun asiin durana qabddan marri eessa bade? Uduu dandda'amee ijuma keessanuu baafittanii naaf kennitan akka ture, ani mataan kiyyaa isiniif ragaa ni baya. Eegaa, amma dhugaa isinitti waan dubbadheef, diina keessan ta'ee arigamee ree? Namoonni kuunniin waayee keessaniif sarddamu'uun ni yaadan, haa ta'u malee kana ka raawwatan waan misha'aafii miti, fedhiin isaanii isin nu'u irraa akka fooyamittanii fi yeroo maraa isaaniif akka yaaddaniif. Kaayyoon mishaa yoo ta'e hisachuun yeroo maraa misha'a, garuu hisachuun keessan kun, yeroo ani isin woliin jiraadhu qofatti hin ta'in. Yaa ijoolle tiyya! Kristosii isin irratti bocamee haga muldhatutti, deebi'ee waayee keessaniif sarddama ciniinsu'uu irratti ni argama. Ka duraanii irraa haala adda ka ta'e akka muldhifttantti amma isin woliin ta'uu ni barbaadaayyu ture, garuu womaayyuu raawwachuu akka hin barbaachifnne beekuu dhabuu kiyyaan, dubbiin bitaa natti ta'ee sarddamee jira. Isin worri Seeraaf bitamittoota taatanii jiraachuu barbaadan mee natti himaa, waan Seerri jedhu hin dhageettan moo? Kitaabban qulqullaayomota keessatti, «Abrahaam ijoollee lama qaba ture, tokkochi ka dhalate dubarttii tajaajilttuu irraa yoo ta'u, ka bira'aa ka dhalate dubarttii bilisa taate irraa ture» jedhamee barreeffamee jira. Ilima garbbitti'ii ka dhalate akka aadaa foonayaa baratameetiin yoo ta'u, ka dubarttii bilisa taatee garuu, akkaataa bu'ura dubbii abddi'ii ka kennameetiin ture. Kun'llee fakkeenna ture, dubarttoonni lamaan tunniin fakkeenna waadaawwan lamaanii turan, Gaara Siina'aatii ka taate fakkeenni takkatiin Aggaariin turtte, isiin'llee ijoollee ka deettu garbumma'aaf ture. Aggaar biyya Arabaa titti ka arigamu Gaara Siina'aatiif fakkeenna ni turtte, kanaaf Yerusaalemii ammatti'iitiin wol ni fakkaatti, isiin'llee ijoollee isi'ii woliin garbrumma'atti ta arigamttu. Ol sami'ii ka taate Yerusaalem garuu isiin bilisa, isiin'llee haadha mara keennaati. «Ati ta ijoollee hin deenne dhabdduun, gammadi! ati dayu'uuf miixxee ta hin beekinne, ilili jedhi, dubarttii abbaa worraa qabddu irraa dubarttiin abbaa worraa hin qabnne ijoollee baayi'ee ni qabddi» jedhamee barreeffamee jira. Yaa obboleeyyan, isin'llee akkuma Yishaaqii ijoollee dubbii abddi'iiti. Garuu ka yeroo sanitti fooniin dhalate ka hafuuraan dhalate akka hin ariineeniif, adha'llee akkuma kana. Garuu kitaabnni Qulqulluun ka jedhu maal'i? kitaabnni Qulqulluun, «Ilimi dubarttiin tajaajilttuun deette ilmi dubarttiin bilisa taate deetteen woliin waan hin dhaalleef, tajaajilttuu ilmi isi'ii woliin garas baasiin» jedha. Kanaaf yaa obboleeyyan, nu'u ijoollee dubarttii bilisa taateeti malee, ijoollee dubarttii tajaajilttu'uutii miti. Kristos bilisa ka nu baase bilisumma'aan akka jiraannuuf. Kanaaf jabaadha'aatii dhaabadhaa, deebitaanii'llee waanijjoo garbumma'aatiin hin xamadaminaa. Kunoo! Ani Phaawulos ka isiniin jedhu kana, «Gadoomuu nu barbaachisa» jettanii yoo gadoomttan, Kristos womaa isin hin fayyadu. «Gadoomuu ana barbaachisa» jedhee ka gadoomu marrinuu, dirqama Seera guutuu raawwachu'uu ni qaba jedhee, irra deebi'ee ufi isin ni eeggachiisa. Isin seera eegu'uun qulqullaayomu'uuf ka barbaadan marrinuu Kristosiin irraa fooyamtanii jirttan, kennaa isaa ka bilisaa irraa'llee fagaattanii jirttan. Nu'u garuu Hafuura Waaqaatiin abddii qulqullaawoma amanti'iin ni eegganna. Yesus Kristosiin ka jiraatuuf jaalala irratti hunddaayee amantii hojjatu malee, gadoomuu ta'ee gadoomuu dhaabuun, faayiddaa woyiituu isaa hin kennu. Nagayaan ni tarkaanffattan ture, eegaa amma dhuga'aaf akka hin ajajaminne, ka isin dhooge eennu? Gorssi akkanaa kun Waaqa isin waame biraa ka dhufee miti. Kun'llee, «Shiishaan muraafnni miciqaa maraa ni bukeessa» akkuma jedhamu. Garuu kana irraa yaada adda ta'e akka hinqabaanne dhugaalessa ta'ee Goofta'aan ni amana, eennu'llee dubbii bitaa ka isinitti taasisu yoo jiraate adabbii isaa ni fudhata. Yaa obboleeyyan! Ani haga ammaa titti ka lallabu, fayyu'uuf gadoomuun ni barbaachisa jedha'aa uduu jiraadheetii, haga ammaa titti maali'iif ana ari'aniiyyu ture? Akkana uduu ta'eetii fannoon Kristosii namootaaf gufuu ta'uun ni hafa ture. Eegaa namoonni akkana dubbii isinitti bitaa taasisan yoo barbaadan, gadoomuu qofa uduu hin ta'in mataa isaanii yakkatamaa uduu taasisanii ni jaaladha ture. Yaa obboleeyyan! Isin ammoo bilisumma'aaf waamamittanii jirttan, garuu tokko ka bira'aa jaalalaan haa tajaajilu malee, bilisummaan keessan kun sababaa fedhii foonii ittiin raawwattan hin ta'in. Seerri marrinuu, «Nama akka kee taasisii jaaladhu!» ka jedhu jecha tokkoon ni raawwata. Garuu ufii keessan yoo wol ciniinttanii fi yoo wol nyaattan, ufii keessan akka woliin hin badinneef ufi eeggadhaa. Eegaa Hafuuraan qajeelfama'aatii jiraadhaa, fedha foonii'llee hin raawwatinaa isiniin jedha. Fedhiin foonii fedhii Hafuurayaa woliin wol fugisa, Hafuuraa fi fooni ufii isaaniitii wolitti masaanuu ni ta'a, kanaaf isin waan barbaaddan raawwachu'uuf hin danddeettan, Hafuuraan uduu qajeelffamttanii garuu, bitamittoota Seeraa hin taatan. Hujiiwwan foonii ka beekkaman, isaan'llee sagaagalaa, battayumma'aa, gad dhiifamummaa, Waaqa harkaan hojjatame waaqeffachuu, falfala, diinummaa, mormmii, hinaaffaa, dallanssuu, mataa isaa jaalachuu, gargar bayiinssaa fi marri hamaa, waanyummaa, machii, gammachuu gara dhabe, kanniin ka fakkaatan, asiin durana akkuma ufi isin eeggachiisetti amma'llee irra deebi'ee ufi isin ni eeggachiisa, wonittoota akkanaa jiran namoonni raawwatan, Mootummaa Waaqaa hin dhaalan. Firiin Hafuura Qulqullu'uu garuu jaalala, gammachuu, nagaya, obissa, mishummaa, amanammummaa, Gara laafummaa, mataa ufii toowachu'u. Wonittoota akkana jiran kanniin seerri mormmu hin jiru, Namoonni ka Yesus Kristosii ta'an foon gubata isaatii fi hawwa isaa woliin fannisaniinii jiran. Hafuuraan ka jiraannu yoo taane, hafuuraan haa qajeelffamnuu. Tokkoon ka bira'aa hamma'aaf kakaasu'uun ufii keennaa wolitti hinaafa'aa, tasaan akka hin dhaadanne. Yaa obboleeyyan! Naminni dogoggoree balleessaa tokko raawwatee yoo argame isin worri namoota hafuuraa taatan, isin nama akkanaa kana gara laafnnaan qajeelcha'aanii, garuu isin'llee qormmaata akkanaa kanaan akka hin kufnneef, ufi eeggadhaa. Isin keessaa tokkoon tokkoon ba'aa ulffaataa nama bira'aa haa baadhatu, bifa kanaan Seera Kristosii ni raawwattan. Naminni kum'llee waan kaanniin irra itti fooyyayaa ta'e uduu hin qabaatin, «Ani kaan ni caala» jedhee yoo yaade, mataa isaa ni soba. Tokkoon tokkoon namaa hujii mataa isaa qoratee haa qormaatu, kanaan duubatti mataa isaa kaaniin woliin wol dorgomssiisu'uun uduu hin ta'in, mataa isaa qofaa waan ittiin dhaadatu haa argatu. Tokkoon tokkoon namaatuu ba'aa mataa isaa baadhachuu ni qaba. Dubbii isaa naminni baratu barsiisaa isaa woliin, waan mishaa maraa haa qoodamu. Mataa keessan hin sobinaa, naminni ka haamatu waanuma facaase waan ta'eef, Waaqa irratti hin balddinaa, Foon isaa gammachiisu'uuf ka facaasu foon isaa irraa du'a ni haamata, Hafuura gammachiisu'uuf ka facaasu Hafuura irraa, jireenna bara baraa ni haamata. Abddii kutachuu yoo dhabaanne yeroon yoo gayetti callaa wolitti waan qabnnuuf, hujii mishaa hojjachu'uuf dadhabuu hin qabnnu. Yeroo mijaayaa yoo arganne namoota maraaf gonkumaa maatii namoota hin amanneetiif, waan mishaa haa raawwanuu. Qubeewwan ol aanttota attam jiraniin kana harka kiyyaan akka isiniif barreesse laala! Akka gadoomittaniif worri isin dirqisiisan ala keessa mishaa fakkaatanii namoota muldhachu'uuf barbaadan. Kana ka raawwataniif'llee, waayee fannoo Kristositiin ari'ataminni akka isaan irra hin geenneef jedhaniiti. Isaan foon keessaniin dhaadachu'uuf jedhanii akka gadoomittaniif barbaadan malee, worrummaan gadooman mataan isaanii'llee Seera hin raawwatan. Fannoo Gooftaa keenna Yesus Kristosii malee waan bira'aatiin dhaadachuun ana irraa haa fagaatu, fannoo kanaan'llee biyyi lafaa ana irraa fooyamee jira, ani'llee biyya lafaa irraa fooyamee jira. Kanaaf gadoomuu ta'ee gadoomuu dhabuun womaa hin fayyadu, ka fayyadu ammoo uumama haarawa ta'u'u. Qajeelfama kana worra horddofan maraa fi worra gara Waaqaa Israa'eeloota ta'aniif, nagayaa fi dhiifaminni haa ta'u. Qaama kiyya irra ka jiru malkanni dhaanamu'uu tajaajilaa Yesusii ta'uu kiyya waan mulidhisuuf, ammaa achitti eennu'llee ana hin rakkisin. Yaa obboleeyyan! Kennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii isin woliin haa ta'u! Ameen. Fedhii Waaqaatiin ergamittichaa Yesus Kristosii ka ta'e Phaawulosiin irraa, Yesus Kristosiin amanamoota ka ta'aniif, Qulqulluuwwan Efesonitti argamaniif, Abbaa keenna Waaqaa fi Gooftaa Yesus Kristosiin irraa, kennaan bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u. Eebba samii jiru hafuurayaa maraan Kristosiin ka nu eebbise, Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenna Yesus Kristosii haa galateeffamu. Qulqullaawotaa fi ka ashaan nutti hin jirre taanee isa duranatti akka arigaminnuuf, biyyiti lafaa uduu hin uumamin Kristosiin nu ni filate. Fedhii Waaqaa mishaa ta'ee karaa Yesus Kristositiin ijoollee isaa akka taanuuf, durssee jaalala isaatiin nu ni filate. Kana'llee ka raawwate karaa Ilma isaa ka jaalatameetiin akkanumaan ka nuuf kenne, ulfinni kennaa isaa ka bilisaa akka galateeffamuuf. Guutuu ta'uu kennaa bilisaa ka Waaqaa irraa ka'een, dhiiga Ilma isaatiin bitaminnee, dhiifama cubbuu keennaa'llee ni ariganne. Kennaa isaa ka bilisaa'llee beekkomisaa maraan baayi'isee nuuf ni jisse. Waaqinni arijjummaa isaatiin karaa Kristositiin akkaatama durissee karoorsseetiin, dhossaa fedha isaa akka beekinnu ni taasise. Yeroon yoo gayu karoorri Waaqinni hujii irra oolichu, uumamittoonni sami'ii fi arddii irra jiran marri, bakka tokkotti wolitti qabamanii aangoo Kristosii tokkoo jala akka ta'aniif. Waan maraa fedha mataa isaatiin ka hojjatu Waaqinni akkaataa durssee nuuf karoorsse karaa Kristositiin, worra gara isaa akka taanuuf nu ni filate. Kun'llee ka ta'e Kristosiin abddii taasfachu'uun jalqaboota ka ta'e, ulfinna Waaqaa ka galataatiin akka muldhifnnuuf. Isin'llee fayyina keessaniif oduu mishaa ka ta'e dubbii dhuga'aa yeroo dhageettanitti Kristostti amanttanii jirttan, akkuma kana inni isinii kennu'uuf abddii ka isiniif taasise, Hafuura Qulqullu'uun chaapofttanii jirttan. Hafuurri kun galata ulfinna isaatiif akka ta'u Waaqinni ka isaa worra ta'an mara haga fayyisutti, argachu'uuf ka jirru qabiyyee keennaaf qabddi'i. Kanaaf amantii Gooftaa Yesusiin qabddanii fi Qulqullaayomota maraaf'llee jaalala qabddan dhagayee, isin kadhanna'aan yaadata'aa waayee keessaniin, Waaqaaf galata dhiyeessuu kiyya addaan hin kutu. Ulfinni ka isaan malu Abbaan Gooftaa keenna Yesus Kristosii Waaqinni Abbaan caala'atti isa beeku'uuniif akka dandeettan, hafuurri ogumma'aa fi muldhataa akka isiniif kennamu ni kadhadha. Abddii attamiitiif akka waamamittanii fi ulfinna qabiyyee Qulqulloonni dhaalanii hagam baayi'ee akka ta'e akka beekittaniif, ijji onnee teessanii akka isinii ifuuf ni kadhadha. Ka hin bikkaminne huminni ol aanaan nu'u worra amanuuf hagam ol aanaa ta'uu isaa, akka beekittaniif ni kadhadha, huminna isaa ol aanaa kana'llee gochaan ka muldhise du'aa ka isa kaasee sami'itti mirga isaatiin ka isa teesise, karaa Kristositiin. Waaqinni Abbaan Kristosiin sami'itti mirga isaatiin ka isa teesise'llee, biyya kam, aangoo huminnaa fi goofttumma'aa olitti, akkuma kana biyya lafaa kana qofatti uduu hin ta'in biyya dhufutti'llee, maqaa maraa ol maqaa ulfinna ta'e kennu'uun. Waan maraa aangoo ufii jala taasisee isaaf ni bitamisiiseef, Mana Waaqeffanna'aa titti'llee maraa ol akka ta'uuf, mataa ni taasiseen. Manni Waaqeffanna'aa qaama Kristositi, Kristos'llee Mana Waaqeffanna'aatii fi waan bira'aa maraanuu ka guutame. Isin waayee balleessaa keessan fi waayee cubbuu keessaniitiin, jireenna keessan ka hafuuraatiin ka du'e ni turttan, Yeroo sanitti adeemissa hamaa biyya lafaa kana ni horddofttan turttan, akkuma kana qilleensa irra ka jiran huminnoota hafuurota hama'aatii ka bitamuuf ni ajajamittan turttan, inni'llee namoota hin ajajaminne irratti ka hojjatu hafuura hama'a. Nu'u marri keennaa asiin durana isaan jiddu'utti fedha foon keennaatii fi yaada sammuu keennaa horddofa'aa hawwii foon keennaatiin ni jiraanna ture, akka kaanniinii'llee uumama keennaan dallansuu Waaqaa jala turre. Garuu dhiifaminni Waaqaa baayi'ee ta'uu isaatii fi jaalallitti nu'uuf qabu'llee ol aanaa ta'uu irraa ka ka'een, balleessaa keennaan ka duune yoma taane'llee, Waaqinni Kristosiin woliin akka jiraannuuf nu taasisee jira, isin'llee ka fayyitan keennaa isaa ka bilisaatiin. Waaqinni karaa Kristos Yesusiitiin isaan woliin du'aa nu kaasee, bakka sami'ii isaan woliin nu ni kaaye. Kana'llee ka raawwate karaa Yesus Kristositiin ka nu'uuf ibise, arjjummaa fi durummaa kennaa isaa ka bilisaa ka haga hin qabnneetiin, baroota dhufanitti nutti muldhisu'uuf jedheeti. Isin ka fayyitan karaa amanti'iitii fi kennaa isaa ka bilisaatiin, kun'llee kennaa Waaqaati malee hujii keessaniin ka argamee miti. Naminni kum'llee akka hin dhaadanne, kennaan bilisaa ka fayyinnaa ka argame huji'iinii miti, Nu'u Waaqinni durssee ka isaan qopheesse hujiiwwan mishaa akka hojjannuuf karaa Yesus Kristositiin irra deebinee ka uumaminne, uumamttoota Waaqaati. Kanaaf isin worri duraan dhaloota keessaniin Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ka turttan, Yihudonni harka namaa titti gadoomuu isaaniitiin dhaadata'aa, isiniin worra hin gadoomin jedha'aa isin arrabissan akka turan yaadadhaa. Isin ummata Israa'eeliitiin wolitti dhufeenna ka hin qabnne, dubbii abddi'iitiif keessummoota ka taatan, biyya lafaa kanatti abddii woyiituu ka hin qabnne, Waaqa malee ka jiraattan, Kristosiin irraa'llee ka fooyamittan akka turttan yaadadhaa. Amma garuu isin asiin durana fagaattanii worri turttan Yesus Kristosiin taatanii, dhiiga isaatiin dhiyaattanii jirttan. Gargar nu baasee ka ture golloo wol dhabaa ka diigee fi Yihudotaa fi Ummata Waaqa duga'aa titti hin amanne tokko ka taasise, nageenni keenna Kristos. Ummatoota lamaan keessaa ka isaan woliin hirmmaatu ummata tokko uumu'uuf, seera ajajootaatii fi danbbiilee foon isaatiin diigee, nagaya ni taasise. Fannoo irratti du'uun'llee diinummaa ni dhabamisiise, lamaanuu qaama tokko taasisee Waaqaan woliin isaan ni araarsse. Dhufee'llee isin worra fagaattanii turttanii fi worra dhiyaatanii turan Yihudotaaf'llee, dubbii gammachuu nagayaa ni lallabe. Karaa isaatiin marri keennaa hafuura tokkoochaan eemaraminnee, gara Waaqa Abba'aa ni dhiyaanna. Knaaf isin Qulqullaayotaan woliin dhalataa biyya tokkootii fi maatii Waaqaat malee, ammaa achitti keessummootaa fi galttootaa miti. Bu'ura ergamittootaatii fi nabiyyootaa irratti'llee ijaaramttanii jirttan, dhagaan cabisata mata'aa'llee Yesus Kristos. Gamoon marrinuu isaan wolitti qabatee, Mana Waaqeffanna'aa ka Goofta'aa ta'uuf ni guddata. Waaqinni Hafuura isaatiin gamoo keessa bulu ta'u'uuf, isin'llee Kristosiin woliin, ni ijaaramttan. Kanaaf ani Phaawulos hidhamaa Yesus Kristosii ka ta'eef, isin ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef jedheeti. Faayyiddaa keessaniif akka oolichuuf Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa tajaajilaa akka naa kenne, dhugamaanuu dhageettanii jirttan. Durissee gabaabnnatti akkuma isinii barreessetti, Waaqinni dhossaa isaa ibisee, muldhataan natti muldhisee jira. Kana ka isinii barreesseef'llee yoo dubbiffattan, waayee dhossaa Kristosii waan ani hubadhe, hubachu'uuf ni dandeettan. Dhossaan kun'llee Hafuura Waaqaatiin ergamittoota Qulqulluuwwanii fi nabiyyoota isaatiif, bifa amma muldhateen baroota dabrranitti, namoota ni jiran turaniif hin muldhanne. Kun'llee ka muldhisu ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne Yihudotaan woliin dhaalttota qabiyyee isaatii fi kutaawwan qaama tokkoo ta'anii abddii Waaqinni kenneef karaa wongeelaatiin, Yesus Krstosiin qoodamtoota ta'uu isaaniit. Waaqinni hujimaata isaa ka huminnaatiin karaa kennaa naaf kenne ka bilisaatiin, ani'llee tajaajila wongeelaa kanaa ta'ee jira. Ani ka Qulqullaayomota maraa gadii yoma ta'e'llee, daangaa ka hin qabnne durummaa Krirstosii ummata Waaqa dhuga'aa hin amannetti akka dubbadhuuf, kennaa Waaqaa ka bilisaatiin carraan kun naaf ni kenname. Akkuma kana baroota dabrranitti maraayyuu ka uume Waaqaan dhokatee dhossaa tureef, kaayyoon Waaqaa maal akka ta'e maraafuu akka ibisuuf, kennaan bilisaa naaf ni kenname. Kun'llee ka ta'e bara ammaa titti karaa woldaya amanti'iitiin itti gaafatamoon samii jiranii fi namoonni aangoo qaban, ogummaa Waaqaa akkaataa bifa isaatiin akka beekaniif. Waaqinni karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin kana ka raawwate, akkaataa karoora isaa ka bara baraatiin. Ka Kristosii ta'uu keennaa fi isatti'llee amanuu keennaan, Waaqa duranatti uggiinssaa fi ufi heddanno'oon dhiyaachuu ni dandeenna. Rakkinni ani waayee keessaniif fudhadhu ulfinna keessan, kanaaf waayee rakkinna kiyyaatiin abddii hin kutatnaa jedhee isin ni kadhadha. Eegaa Waaqa Abbaa duraatti jilibba kiyyaan jilbbiiffadhee ka kadhadhu sababaa kanaaf. Sami'ii fi arddii irra ka jiru tokkoon tokkoon maati'ii maqaa isaa ka dhuga'aa ka argatu, Waaqa irraayyi. Waaqinni qaama keessan ka keessaa huminna jabeessu karaa Hafuura isaatiin, ulfinna isaa ka durumma'aatiin akka isiniif kennuuf ni kadhadha. Akkuma kana Kristos amanti'iin onnee teessan keessa akka jiraatuu fi isin'llee hidda gad fageeffattanii jaalalaan ka jabaattan akka taataniif ni kadhadha. Dabalee'llee jaalallitti Kristosii baldhinnaa fi dheerinni isaa, ol fageennii fi gad fageenni isaa hagam ta'uu isaa, Qulqulloota mara woliin'llee hubachuu akka dandeettaniif, kana ka beekkomissa namaatii ol ta'e jaalala Kristosii akka beekittaniif, guutamiinssa Waaqaa ka muda maleessa ta'een guuttamu'uuf'llee akka geettaniif, ni kadhadha. Kanaaf karaa huminna isaa ka nu keessatti hojjattuutiin ka kadhannuu fi ka yaadinnuu olitti haalaan caalichisee, Waaqa raawwachuu danda'uuf, isaaf Woldaya amanti'iitii fi Yesus Kristositiin baroota marattuu, baaraa haga baraa titti ulfinni haa ta'u, Ameen. Eegaa Gooftaa tajaajiluu kiyyaan hidhamaa ka ta'e ani, waamicha ittiin waamamittaniif jireenna barbaachisaa ta'e jiraachuu akka dandeettaniif, isin ni kadhadha. Jaalalaan ufii keessan wolii obissa'aa yeroo mara mataa gad qabataa fi gara laafnnaan, wol danda'uun'llee jiraadhaa. Nagayaan wolitti hidhamttanii tokkummaa Hafuura Waaqaa irraa argamuu eeggacu'uuf hisadhaa. Yeroo waamamittanitti abddii tokkoof akka waan waamamittanitti, qaama tokkoo fi Hafuurri tokko ni jira. Akkuma kanan Gooftaan tokko, amantiin tokkoo fi cuuphaman tokko ni jira. Dabalee'llee maraa ol ka ta'e, maraanuu ka hojjatu, mara bira ka jiraatu, abbaa maraa ka ta'e Waaqinni tokko ni jira. Garuu Kristos haguma kennu'uuf murtteesseetiin, tokkoo tokkoo keennaaf kennaan isaa ka bilisaa nuuf kennamee jira. Kun'llee, «Gara olii yeroo bayetti booji'amittoota baayi'ee qabatee ni deeme, namootaaf'llee kennaawwan ni kenne» akkuma jedhame. Eegaa kun, «Gara olii ni baye» dubbiin jedhu, durssee gara arddii kanaa, arddi'ii'llee gara bakka gad aanttuu bu'uu isaa yoo ta'e malee, ka bira'aa maal muldhisa? Kun ka gara gadii bu'e ammoo maraa guutu'uuf, samiiwwan maraa olitti ka dhufe. Inni'llee tokko tokkoon ergamittoota, tokko tokko nabiyyoota, tokko tokko ammoo lallabddoota wongeelaa, tokko tokko tissitoota amantootaa, tokko tokko barsiisota akkuma kana, kennaawwan isaanii ni kenne. Kana'llee ka taasiseef woldeenni qaama Kristosii taate akka ijaaramttuuf, amantoota tajaajila kristaanumma'aatiif qopheesu'uuf. Akkuma kana Ilma Waaqaa beeku'uun gara tokkummaa amanti'iin argamuu geennee, akkuma bifa Kristos muda maleessa guutuu ta'etti, nu'llee nama guutuu akka taanuuf. Ammaa achitti daba sossoba namootaatiin ka qophaaye, bubbee barisiisa dogoggorssa'aatii fi honbololatti'iin garanaa fi garas dhiibamanii akka daa'imman fudhatamanii hin taanu. Kana irra dhugaa jaalalaan dubbata'aa waan maraanuu gara isa ka mataa ta'ee, gara Kristosii ni guddanna. Kutaawawn qaamaa ka gara garaa ka wolitti qabatan Kristosiin, qaaminni guutuun'llee ka wol qabateen humnna ittiin wol qabatuun, kanaaf tokkoon tokkoon kutaa qaamaa hujii isaaf ramadame akka ta'utti yoo raawwatu qaaminni guutuun ni guddata, jaalalaan'llee ni ijaarama. Ammaa achitti akka worra yaanni isaanii tasa ta'ee akka ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee hin ta'inaa, jedhee maqaa Goofta'aatiin isin ufi ni eeggachiisa. Sammuun isaanii dukkanaayee jira, beekuu dhabu'uu fi waayee morkkattummaa isaaniitiin, jireenna Waaqinni kennu irraa fooyamanii jiran. Miirri isaanii ka saalfataa waan badeef battummaawwan maraa raawwchu'uuf, mataa isaanii fedha isaanii ka fooniitiif dabarsanii kennanii jiran. Isin garuu waayee Kristosii ka barattan akkanaa miti. Dugamaanuu waayee isaanii dhageettanii jirttan, bu'ura dhugaa Yesusiin jiruutiin'llee isa irraa barattanii jirttan. Kanaaf sossobee gara cubbu'uu hawwii eemaruun ka badee fi durssitanii ka ittiin ni jiraattan turttan, eennummaa moofaa amala uumama duraanii dhabamisiisaa. Sammuun keessan'llee hafuuraan haa haareffamu. Qulqulluma'aa fi qulqullaayoma dhuga'aatiin fakkeenna Waaqaatiin ka uumame, qaama haarawa uffadhaa. Kanaaf soba hin dubbatinaa, marri keennaa kutaawwan qaama tokkoo waan taaneef, ufii keennaa dhugaa woliitti haa dubbannu. Baanadhaa, baanii keessaniin garuu cubbuu hin hojjatinaa, baaniin keessan'llee uduu hin dhabamin aduun isinitti hin dhiyin. Sheexanaaf'llee qaawwa aseenissaa hin kenninaafii. In hata ka ture ammaa achitti hin hatin, kana irra hiyyeesotaa kennu'uuf qarshii akka qabaatu, harka isaatiin waan mishaa haa hojjatu. Gonkumaa afaan keessan dubbiin hamaan hin bayin, garuu worra dhagayaniif ka gammachiisuu fi ijaaru'uuf ka fayyadu, namootaaf'llee barbaachisaa dubbii ta'e dubbadhaa. Guyyaa itti fayyitaniif mirkaneessaa akka isinii ta'uuf, ka ittiin caapheffamttan Qulqulluu Hafuura Waaqaa, hin gaddisiifnnaa. Hadhaayummaa, aarii, dallanissuu, jeeqama, arrabaa fi hameenni bifa kamii marrinuu, isin irraa garasi haa fagaatu. Kana irra, ufii keessan wolii mishaawwanii fi wolii naatota, arjjootaa fi gara laafttota ta'aa, Waaqinni Kristosiin akkuma isinii dhiifama taasisetti, isin'llee ufii keessan wolii dhiifama taasisaa. Eega akka ijoollee jaalatamttootaa isin'llee, fakkeenna Waaqaa horddofaa. Kristos akka nu jaalatee fi foolii mishaa Waaqa gammachiisuu ka qabu kenna'aa fi kitimaa taasisee lubbuu isaa waayee keennaaf dabarssee akkuma kenne, isin'llee jaalalaan jiraadhaa. Wonitti akkanaa kun Kristaanotaaf waan hin taaneef gocha sagaagalaa yookiin battummaan bifa kamiituu yookiin dhoogata taasisuun haa hafuutii, odumaan'llee isaan irratti dhagayamuun hin malu. Kana irra Waaqaaf galata dhiyeessaa malee, waan nama mufachiisuu fi haasaya gowwumma'a, yookiin waan baliddaa dubbachuun isin irra hin jiru, wonitti akkanaa kun isiniif mijaaya'aa miti. Gocha sagaagalumma'aa raawwataa yoo ta'e, hujii battumma'aa kamiinuu ka raawwatu yoo ta'e, haafayummaa Waaqa harkaan hojjatame waaqeffachu'uu'llee yoo ta'e, Kristosii fi Mootummaa Waaqaa titti'llee, qabiyyee akka hin arganne beekaa. Sababa wonittoota kanniiniitiin namoota hin ajajaminne irratti dheekkamissi Waaqaa waan dhufuuf, eennu'llee haasaya tasaatiin isin hin sobin. Kanaaf namoota hin ajajaminne kanniin woliin hin hirmmaatinaa. Duraan isin dukkana keessa ni jiraattan ture, amma garuu ka Goofta'aa waan taataniif isin ifa, kanaaf akka namoota ifaan jiraatanii titti dedeebi'aa. Ka mishummaa maraa, firiin qulqullaayomutii fi firiin dhuga'aa ka argamu ifa irraayyii. Kanaaf Gooftaa wonitti gammachiisuun maal akka ta'e qoradhaa. Gara ifaa baasa'aatii saaxileessa'aanii malee, firii dhabeessa ka ta'e hujii dukkanaa woliin hin hirmaanna. Dukkanaan namoonni jiraatan waayee waan isaan hojjatanii dubachumaafuu, ni saalifachiisa. Wonitti marrinuu gara ifaa yoo bayu biftti isaa ka dhuga'aa, ifa ta'ee ni muldhata. Ifatti ka muldhatu marrinuu ifa, kanaaf, Ati ka mugiddu dammaqi! worra du'an irraa'llee fooyamiitii ka'i! Kristos'llee si ni ibisa jedhamee jira. Eegaa attamitti akka jiraattan ufi eegganna'aan hubadhaa, akka worra ogeessotaa malee akka worra gowwootaa titti hin jiraatinaa. Barri kun hamaa waan ta'eef, yeroo ta'e kamittuu fayyadamaa. Kanaaf fedhiin Goofta'aa maal akka taate hubadhaa malee, gowwoota hin ta'inaa. Gara badi'ii ka isin eemaru waan ta'eef daadhii woyinni'iitiin hin machaayinaa, kana irra Hafuura Qulqullu'uun guuttamaa. Faaru'uu fi galataan, qooniqqa hafuuraatii fi onnee guutu'uun'llee Gooftaa galateeffadhaa. Maqaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin waayee waan maraatiifuu, Waaqa Abbaa yeroo mara galateeffadha'aanii. Waayee ulfinna Kristositiif jettanii isin tokkoon tokkoon keessan ka bira'aatii haa ajajamu. Yaa haawotiin woraa! Akkuma Gooftaa Yesusiif ajajamittanitti, abbootii worraa keessaniif ajajamaa, Kristos mataa woldaya amanti'ii akkuma ta'e, abbaan worraa'llee mataa haadha worraa isaati, deebi'ee'llee Kristos woldaya amanti'ii ta qaama isaa taateef fayyisaa isi'iiti. Woldeenni amanti'ii Kristosiif akkuma ajajamitutti, akkuma kana haawotiin worraa waan maraanuu, abbootii worraa isaaniitiif haa ajajaman. Isin abbootiin worraa! Kristos woldaya amanti'ii akkuma isii jaalateenii fi mataa isaa'llee waayee isiiti'iif dabarssee akkuma kenne, isin'llee haawotii worraa keessan jaaladhaa, Kristos kana ka taasise woldaya amanti'ii Qulqullaawomssu'uuf barbaadeeti ka isii Qulullaawomssee'llee, karaa dubbii isaatiin bishaaniin miiceeti. Bifa kanaan huubinni yookiin wolitti guuramuu fuulaatiin yookiin kana ka fakkaatu waan badaa bira'aa uduu isii irratti hin argamin, Qulqullittii, ta mudaa hin qabnnee fi bareedduu taasisee, gara mataa isaa ni dhiyeessaan. Akkuma kana abbootiin worraa akkuma mataa isaanii jaalatantti haawotii worraa isaanii jaalachuun isaan irra ni jira, haadha worraa isaa ka jaalatu mataa ufii ni jaalata. Qaama mataa ufii ka jibbu eennu'llee hin jiru, kana irra akkuma bifa Kristos woldaya amanti'iitiif raawwatutti mataa isaa ni soora, ni kunuunssaan'llee. Nu'llee kutaa qaama Kristositi, «Waayee kanaan naminni haadhaa fi abbaa isaa dhiisee, haadha worraa isaatiin wolitti ni maxana, lamaanuu qaama tokko ni ta'an» jedhamee jira. Dhossaan kun ol aana'aa, kana'llee ka jedhu waayee Kristositii fi waayee woldaya amanti'ii fakkeenna taasiseeti. Garuu wonitti kun isin'llee ni laala, kanaaf abbaan worraa hadha worraa isaa akka mataa isaa taasisee haa jaalatu, haati worraa'llee abbaa worraa isi'ii haa kabajitu. Yaa ijoolle! Waan barbaachisaa waan ta'eef maqaa Goofta'aatiin, maatii keessaniif ajajamaa. «Abba'aa fi haadha kee kabaji!» ajajinni jedhu, ka dubbii abddi'ii ufi keessaa qabu, ajaja jalqabaati. Kana'llee yoo raawwate, «Wonitti marrinuu siif ni ta'a, arddii kanatti'llee umriin kee ni dheerata.» Isin'llee yaa maatii! Gooftaa Yesusiin naamusa barsiisu'uun, sireessu'uu fi itti baanachu'uun isaan guddisaa malee, ijoollee keessan dallansiisu'uun, isaan hin jiilchinaa. Isin yaa tajaajiltoota nana! worra fooniin gooftota keessan ta'aniif soda'aa fi hollataan isaaniif ajajamaa, akkuma bifa Kristosiin tajaajilttanii titti qajeeluma onne'eetiin isaaniif ajajamaa. Ka ajajamittan'llee fedhii Waaqaa onne'een akka worra raawwatanii akka tajaajiltoota Kristosii taataniiti malee, nama gammachiisu'uuf jettanii muldhataaf hin ta'in. Nama uduu hin ta'in Gooftaa akka waan tajaajilttanii taasfttanii, fedha misha'aan tajaajilaa. Garbichi'llee ta'ee Gooftaa tokkoon tokkoonuu hujii mishaa hojjateen, Gooftaa isaa irraa gatii isaa ka fudhatu ta'uu ni beekittan. Isin'llee yaa gooftota! Fuula namaatiif ka hin dalle gooftaan keessan fi ka isaanii'llee samii akka jiru yaadachu'uun, dhaadachuu keessan dhiifttanii tajaajiltoota keessaniif waan mishaa raawwadhaa. Waan hafeen Goofta'aa fi huminna isaa ol aana'aan jabaadhaa, hujii sheexanaa ka dabaa mormmu'uuf akka danddeettan, meeshaa woraannaa ka Waaqaa maraa uffadhaa. Waraanni keenna namootaan woliin uduu hin ta'in, bara dukkanaa kanatti worra hojjatan bulchitoota, worra aangoo qabanii fi huminnoota biyya lafaa kanaa jechuun, samii ka jiran hoomaa hafuurota battiiwwanii woliin. Kanaaf guyyaa hama'atti huminna diinaa ufi irraa ittisu'uuf akka dandeettanii fi maraa raawwattanii jabaattanii dhaabachuu akka dandeettaniif, meeshaa Waaqaa ka woraanaa guutuu ol fuudhaa! Eegaa dhugaa akka sinnara hidha keessantti hidhattanii, jireenna mishaa akka meeshaa woraanaa titti uffattanii, wongeela nagayaa akka kophee miila keessantti godhattanii, qophaayu'uun dhaabadhaa. Kana maraan olitti akka ibiddaa titti ka bobayan xiyyaawwan sheexanaa maraa ittiin balleessuu ka dandeettan, amantii akka wonte'ee titti qabadhaa. Fayyiinna akka qoobii sibiilaa mataa keessan irratti gonbsaa, akkuma kana Hafuura Qulqulluu irraa ka argamu billaya, kana'llee dubbii Waaqaa qabadhaa. Yeroo maraa Hafuura Qulqullu'uun eemarama'aa kadhanna'aa fi woyata dhiyeessaa. Bu'ura kanaan'llee namoota Waaaqinni isaan qulqullaayomiseef jabaadhaatii kadhadhaa. Dhossaa wongeelaa sodaa malee akka ibisituuf yeroo dubbadhutti jecha barbaachisaa akka naa kennuuf, ni kadhadhaa. Ammuma'llee Sanbbataan hidhamee wongeeluma kanaaf ergama'a, kanaaf narraa akka malutti sodaa malee akka dubbadhuuf, naaf kadhadhaa. Obboleessi keenna ka jaalatamee fi hujii Gooftaa keenna Yesus Kristosiin tajaajilaa amanamaa ka ta'e, Tikiiqoos akkaataan kiyya attam akka ta'ee fi maal akka hojjadhu'llee, waan maraa isinitti ni hima. Kanaaf nu'u attam akka taane akka beekittanii fi isin'llee akka jajabeessuuf jechu'uun, isa gara keessan ergeenii jira. Waaqa Abba'aa fi Gooftaa keenna Yesus Kristosiin irraa nagayaa fi jaalalli amanti'iin woliin, obboleeyyaniif haa ta'u. Jaalala addaan hin cinneen Gooftaa keenna Yesus Kristosiin worra jaalatan maraaf, kennaan isaa ka bilisaa isaaniif haa ta'u. Tajaajiltoota Yesus Kristosii ka ta'an, Phaawulosii fi Ximotewosiin irraa, Magaalaa Filiphisiiyusii worra jiraataniif, Yesus Kristosiin qulqullaawota ka ta'an maraaf, akkuma kana worra itti gaafatamittootaatii fi gargaartota woldaya amanti'iitiif, Abbaa keenna Waaqaa, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin biraa, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u. Isin yeroo yaadadhu marattuu Waaqa kiyya ni galateeffadha, waayee keessaniif yeroo kadhadhu marattuu, kadhannaan kiyya gammachu'uun ka guuttame. Guyyaa jalqabaatii kaasee haga ammaa titti wongeela lallabu'uuf, hirmmaatotaa hujii kiyyaa waan taataniif, Waaqa ni galateeffadha, hujii mishaa kana jireenna keessan keessatti Waaqinni jala qabe, Yesus Kristos murti'iif deebi'ee guyyaa dhufutti gara muumme'eetiin akka isa gayu ni amana. Amma yeroo mana hidha'aa jiruttii fi hidhamuu kiyyaan duranatti'llee, dhugaa wongeelaatiif ittifachuu fi isa'llee jabeessu'uuf, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa naaf kenne keessatti, isin marrinuu qoodamtoota waan taataniif isin yeroo maraa onnee tiyya keessa ni jirttan. Kanaaf waayee keessaniif miirri natti dhagayamu sirri'i. Jaalala Yesus Kristositiin mara keessanuu hagam akka isin yaadu, Waaqinni ragaa kiyya. Jaalallitti keessan ka beekkomissaa fi hubannaan itti guuttame ta'ee guddata'aa akka deemuuf, ni kadhadha. Kun'llee waan fooyaye qorattanii akka beekittanii fi guyyaa Kristos deebi'ee dhufutti, Qulqullu'uu fi worra heeyibiin isinitti hin jirre taatanii, akka argamttaniif. Jireenna keessan ka bifa kanaatiin Yesus Kristosiin irraa ka argamu firii qulqullaayinnaatiin ka guuttame ta'ee, ulfinnaa Waaqaatii fi galata, worra argamisiifttan ni taatan. Yaa obboleeyyan! Wonitti ana irra gaye marrinuu wongeelli caalatti akka babaldhatu taasisuu isaa, akka beekittaniif ni jaaladha. Ani'llee ka hidhame waayee Kristositiin ta'uu namoonni wordiyyoota mana nugusaatii fi kuunniin'llee namoonni achi jiran marrinuu ni beekan. Sababaa hidhamuu kiyyaatiin obboleeyyan amanttootaa ta'an baayi'eewwan caalmaya worra Goofta'atti abddii taasfatan ta'anii jiran, kanaaf dubbii Waaqaa sodaa malee lallabuuf, waan duraanii caalatti uggiinssa argatanii jiran. Haa ta'u malee tokko tokkoon isaanii dubbii gammachuu Kristosii ka lallaban hinaaffa'aan, kuunniin'llee hafuura mormmiitiin, kuunniin garuu Kristosiin ka lallaban onnee fayya'aatiin. Isaan kunniin'llee dubbii Waaqaa onnee fayyaatiin ka lallaban, jaalala irraa ka ka'een, isaan'llee ani wongeela kana baraaru'uuf asitti ka gatame ta'uu kiyya waan beekaniif. Sunniin garuu waayee Kristosii dabssanii ka lallaban qajeelummaan uduu hin ta'in, mataa isaanii jaalachuu fi hidhaana kiyya irratti rakkinna dabalataa ana irratti fidu'uuf yaadu'uun. San ta'ee kana waan kanaan ni gammada fakkeessuun ta'ee dhugaan karaa maraanuu, Kristos ni lallabama. Ka biraa waayeen ittiin gammadu kadhannaa keessan fi gargaarssa Hafuura Yesus Kristositiin bilisa akka bayu, waan beekuuf. Dhugamaanuu akka hin saalifachiifnneef abddi'iin ni eeggadha, garuu akkuma yeroo mara raawwdhuu fi adha lubbu'uun yoo jiraadhe yookiin yoo du'e, Kristos qaama kiyyatti ni kabajama jedhee, uggiinssaan ni dubbadha. Kanaaf anaa jireenna jechuun Kristosiin jiraachu'uu, du'a jechuun'llee, faayyidaan waan ittiin argamu. Haa ta'u malee qaama foonayaa kiyya kanaan itti fufee waan jiraadhu uduu ta'ee hujii firii kennu hojjachuu jechu'u, ta'u'llee garuu itti fufee jiraachu'uu fi du'uu, kamiin akka filadhu hin beeku. Yaadota kaniin lamaan jiddu'utti qabamee jira, gara tokkoon Kristosiin woliin ta'uun ka maraa caalu waan ta'eef, jireenna kana irraa fooyamee Kristosiin woliin ta'uu ni barbaada, kun'llee Kristosiin woliin jiraachuun ka haalaan woyyu waan ta'eef. Gara biraatiin lubbuun jiraachuun isiniif ka haalaan woyyaa ta'ee fi barbaachisa'a. Kanatti amantiin ani du'a irraa hafee amantiin keessan akka guddatuu fi gammachuu akka argattaniif, isin mara woliinuu akka turu ni beeka. Ani'llee deebi'ee gara keessan yoo dhufu dhaadannaan waayee kiyyaan qabddan, Yesus Kristosiin ni baayi'ata. Eegaa waan maraayyuu olitti jireenni keessan wongeela Kristosii ka galteeffachiisu haa ta'u, kun'llee ani dhufee yoo isin laale'llee yookiin isin irraa yoo fagaadhe'llee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessan fi wongeela tokkummaan woliin gayuuf tataafachuu keessan ni dhagaya. Mormmitoota keessan'llee womaanuu hin sodaatinaa, uggiinssi keessan kun'llee isaaniif malikata badiinsaa yoo ta'u, isiniif ammoo Waaqa biraa ka isiniif ta'e malikata fayyiinsaati. Carraan Kristosiin tajaajiluuf ka isiniif kenname isa qofatti akka amantaniif uduu hin ta'in, waayee isaatiin'llee rakkinna akka fudhattaniif'le'e. Kanaf amma anaan woliin qoodamtoota rakkinnaa taatanii jirttan, rakkinni kun'llee asiin durana narra gayee ka argitanii fi amma'llee ka narra gaye ta'uu ka dhageettan. Kristosiin jajabaachuu yoo qabaattan, jaalala isaatiin ka jajabaattan yoo taatan, Hafuura Qulqulluu woliin'llee tokkummaa yoo qabaattan, ufii keessanii'llee wolii mishumma'aa fi garaa laafnna yoo wolitti muldhifttan, kanaaf yaadaan, jaalalaan, hafuuraan, kaayyoon wolii gala'aa, gammachuun kiyya guutu akka ta'u taasisaa. Gara laafnnaan guutamttanii namoonni kuunniin isin irra akka fooyaya qaban taasisa'aatii lakkaayaa malee, mataa keessan jaalalaan yookiin «Ana malee eennutu jira» ufi dhaadu'uutiin jedhuun, womaayyuu hin raawwatinaa. Akkuma kana tokkoon tokkoonuu faayiddaa mataa ufii qofa uduu hin ta'in, faayiddaa nama bira'aa'llee haa yaadu. Haala kanaan Yesus Kristos ka mulidhise hujiin mataa gad qabataa, jireenna keessan keessa'llee jiraachuu ni qaba. Inni yeroo maraa amala Waaqumma'aa ni qaba, haa ta'u malee Waaqaan woliin waan qixa isa taasisu, amala huminna Waaqa jiraata'aa, akka qabatetti hin lakkoofnneen. Gonkumaa kabaja qabu maraa dhiisee akka garbichaa ta'ee ni muldhate, akka namaa titti'llee ni dhalate, Fakkeenna namaatiin'llee ni muldhate, mataa gad qabataan ufi gad ni qabe, haga du'aa titti'llee, san'llee fannoo irratti fannifamee, haga du'uu titti, ajajamaa ni ta'e. Waayee kanaan Waaqinni gara bakka waan maraa ol jiruu, bakka ulfinnaa ol isa ni qabeen, maqaa maqaa mara caalu'llee ni kenneef. Kanaaf maqaa Yesusiitiif ulfinna, sami'ii fi arddi'itti, arddi'ii gaditti'llee worri jiran marrinuu, jilbba isaaniitiin ni jilbbiiffatan. Afaan isaaniitiin'llee, «Yesus Kristos Goofta'a» jedhanii ragaa bayu'uun, Waaqa Abba'aaf ulfinna ni kennan. Yaa waaheloota! Ani yeroo isin woliin turetti yeroo maraa ajajamoota akka turttan, gonkumaa amma yeroo isin irraa fagaadhee jirutti caala'atti ajajamoota akka taataniif isin ni yaadachiisa, Kanaaf tokko tokkoon keessan fayyinna keessan muda maleessa taasisu'uuf, soda'aa fi kabajaan hisadha'aatii hojjadhaa. Waaqinni ajajamummaa isiniif kenna'aa kaayyoo isaa gara muumme'eetiin gayu'uuf, isin keessatti ni hojjata. Hujima kamiinuu yoo hojjattanitti hin guunguminaa yookiin wol hin mormminaa. Kun'llee yoo ta'e dhaloota daba'aa fi badaa kana jiddu'utti, heeyibi'ii fi ashaan ka isaanitti hin jirre qulqulluuwwan ijoollee Waaqaa ta'u'uun, biyya lafaa kanatti akka urjjiiwwan titti ni ifittan. Kun'llee ka ta'u dubbii jireenni ittiin argamu uduu addaan hin kutin jabeessitanii qabachu'uun, bifa kanaan fiigichi kiyya ta'ee hujiin kiyya'llee tasa ta'ee waan hin hafinneef yeroo Kristos deebi'ee dhufutti, waan ittiin dhaadadhu ni qabaadha jechu'u. Waaqaaf amanti'iin kitimaan dhiyeessitanii fi tajaajila irratti, lubbuun tiyya'llee kitimaa dabalataa taatee yoma dhiyaatte'llee ni gammada, isin'llee qoodamtoota gammachuu kiyyaa ni taatan. Akkuma kanaan'llee isin gammaddanii ana'llee qoodamaa gammachuu keessan ana taasfittan. Ani Waayee keessan dhagayu'uun akka jajabaadhuuf, Ximotewosiin dadafaan gara keessan ergu'uuf, akka ana danddeessisu Gooftaa Yesusiin abddii ni taasisa. Waayee haala keessaniitiif onnee guutu'uun ka yaadu Ximotewosiin malee, nama bira'aa ani hin qabu. Kuunniin garuu faayidama mataa isaanii qofa ari'an malee, waayee hujii Yesus Kristositiif dhiphama hin qaban. Ximotewos amanamummaan isaa qormaatamee ragaan ka bayameef ta'uu isaatii fi anaan woliin'llee akka abba'aatii fi akka ilmaa titti, woliigallee wongeela barsiisu'uun woliin yoo hojjata'aa turuu keenna, isin mataan keessanuu ni beekittan. Kanaaf dhimmi kiyya maal irra akka gayu eega hubadheen duubatti Ximotewosiin dadafaan gara keessan akka isiniif ergu, abddii ni taasisa. Gonkumaa ani mataan kiyyaa dadafaan gara keessan dhufu'uuf akka dandda'u, Gooftaan ana gargaara jedhee ni amana. Akkuma kana waan ana barbaachisu maraanuu akka ana gargaaruuf ergitaniinii ka turttan obboleessi kiyya Ephaafroditusiin, gara keessan erguun barbaachisaa ta'ee argadhee jira, inni'llee ana woliin ka hiriire lolttu'uu fi waahela hujii kiyya ta'ee, hojjata'aa ka ture. Isa gara keessan ka ergu'llee mara keessanuu argu'uuf yaaduu isaatii fi isaan'llee dhukkubsachuu isaa dhagayu'uun waan sarddameef. Dhugamaanuu haalaan dhukkubsatee haga du'aa titti'llee dhiyaatee ture, garuu Waaqinni dhiifama isaa ni taasiseef, isa qofaaf uduu hin ta'in gaddi gadda irraan akka narratti hin dabalamnne, ana'llee dabalu'uun dhiifama naaf ni taasise. Kanaaf isin isa laalu'uun akka gammaddanii fi gaddi kiyya'llee akka salphatuuf, isa gara keessan ergu'uuniif caala'atti ni barbaade. Egaa nama Gooftatti amane akka ta'uu isaatiin gammachu'uun ufitti fudhadha'aanii, namoota akka isaa jiran maraa isaan kabajaa. Isin dhiyeennatti argamittanii gargaarssa naaf raawwachuu hin danda'in inni guutu'uuf jedhee, waayee hujii Kristositiif lubbuu isaatiif uduu hin sodaatin haga du'uu titti dhiyaatee ture. Muummee irratti'llee yaa obboleeyyan! Goofta'aan gammadaa, waan asiin durana isiniif barreesse san irra deebi'ee uduu isiniif barreessee ana hin hifachiisu, isin garuu dogoggora irraa isin eegu'uuf ni danda'a. Akka sare'ee asii fi achi worra fiigan hameenna raawwattoota irraa ufi eeggadhaa, foon ka mummuran worra gadoomssan, irraa ufi eeggadhaa. Nu'u Waaqaaf Hafuuraan ka Waaqeffannuu fi seera duubanaan muldhatuun uduu hin ta'in, Yesus Kristosiin qofaan ka dhaadannu waan taaneef, dhugamaanuu gadoominnee jirra. Dhaadachuun ka barbaachisu yoo ta'e ani waan baayi'een dhaadachu'uuf ni dandda'a, seera duubanaan muldhatuun naminni dhaadatu yoo jiraate, ani isa caala'aatti ka ittiin dhaadadhu waan baayi'ee ni qaba. Ani dhaladhee guyyaa saddeetaffaa titti gadoomee jira, dhaloota kiyyaan'llee gara gosa worra Biiniyaamiitii ka ta'e Israa'eelicha, kana irraa'llee ka ka'een, Ibraawicha Qulqullu'u. Waayee Seera Yihudotaa eegu'uutiin'llee yoo ta'e, Fariisaayicha ture. Waayee Seera duraniitiif hinaafu'uun'llee yoo ta'e, amantoota woldaya amaniti'ii ni ari'a ture. Seera eeguun waayee qulqullaawomnnaa'llee yoo ta'e, ashaa malee ni jiraadha ture. Eegaa asiin durana fayyadoota jedhee wonittoota itti amana ture maraa waayee Kristositiif jedhee, akka waan tasa gatii hin qabnnee taasisee isaan ni laakkaya. Kana malee'llee Gooftaa kiyya Yesus Kristosiin beeku'uun alatti womaayyuu akka waan hin jirree titti waan amanuuf, waan maraa akka kasaara'aa titti ni lakkaaya, waayee isaatiif'llee waan maraa dhabee jira. Kristosiin argachu'uuf jecha waan maraa akka balffaa manaa haramee titti ni lakkaaya. Kana'llee sababaan raawwatuuf seera irratti ka hundaaye qulqullaawoma mataa kiyyaa dhiisee amanitii irratti ka hundaaye qulqullummaa Waaqaa Kristosiin amanu'uun, argachu'uu fi isa woliin'llee ta'u'uun. Sababaan bira'aa Kristosii fi huminna du'aa kaiinssa Kristosii beeku'uuf, qoodamtoota rakkinna isaa ta'uu fi du'aan'llee isa fakkaachu'uuf. Akkuma kana eega du'een duubatti ka'ee bara baraaf lubbu'uun jiraachu'uuf, abddii taasisuu kiyyaan. Kana maraa amma'llee hin arganne, yookiin kana maraanuu muda maleessa ta'ee jira jechu'uuf hin danda'u, haa ta'u malee Yesus Kristos ana ka isaa taasisee, kennaa naaf qopheesse argachu'uuf ufi durana fiigu'uun ni hisadha. Yaa obboleeyyan! Amma'llee akka waan achi gayee titti hin lakkaayu, garuu waan tokko ni raawwadha, waan duuba kiyyaan jiru iraafata'aa ka fuundura kiyyaan jiru qabu'uuf ni hiixadha. Kennaa kiyya'llee argachu'uuf gara bakka gayuu qabu ka durana kiyyaan jiruu ni fiiga, kennaan kun'llee Waaqinni karaa Yesus Kristositiin gara olii waamee, jireenna naaf kennu. Eegaa nu'u worri jireenna Hafuuraatiin jabaanne marrinuu yaada kana fakkaate kana qabaachuu ni qabnna, Yaanni ittiin gargar baatan jidduu keessan yoo jiraate, yaada kana'llee Waaqinni ifa isiniif ni taasisa. Kan ta'ee san haga ammaa titti jireenna hafuuraa ka irra geenneen woliin wol ka madaalu haa ta'u. Yaa obboleeyyan kiyya! Worra fakkeennummaa kenna horddofan maraa, hubadha'aatii laalaa. Ammaan durana yeroo baayi'ee akka isinitti himee fi amma'llee imimmaan kiyya jissa'aa akkuma isinitti himu mara baayi'eewwan adeemissa isaaniitiin, diinota fannoo Kristosii ta'anii jiran. Isaaniif Waaqinni isaanii garaa isaaniiti, wonitti saalfachiisaa ta'e isaaniif ulfinna isaaniiti, yaadinni isaanii'llee ka xiyyeeffatu waan arddiilessa irratti, kanaaf muummeen isaanii badi'i. Nu'u garuu lammiiwwan mootummaa sami'iiti, achii'llee ka dhufu Fayyisaa Gooftaa keenna Yesus Kristosiin, hawwi'iin ni eeggannaan. Inni qaama keenna ka salphate kana jijjiiru'uun qaama isaa ka ulfinnaa akka fakkaatu ni taasisa, kana'llee ka raawwatu, aangoo isaa jala taasisu'uuf huminna isa danddeesisuun. Ka isin jaaladhuu fi ka isin yaadu, gonfaan gammachuu kiyyaatii fi hujii kiyyaa ka taatan, obboleeyyan kiyya! Goofta'aan jabaadha'aatii jiraadhaa. Ewodiyaa fi Sinxiiki'llee ufii isaaniitii Goofta'aan wolii galanii, akka jiraataniif isaan ni kadhadha. Ati'llee ka achi jirttu waahelli amanamaan hujii kiyyaa, dubarttoota kanniin akka isaan gargaartuuf si ni kadhadha, dubarttoonni kunniin anaan woliin Kleeminxoosii fi worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa irratti barreeffaman kaaniin waahellan hujii kiyyaa woliin ta'u'uun, karaa wongeela itti woliin gayu'uutiin qabssaayanii jiran. Yeroo maraa Goofta'aan gammadaa, dabalee'llee, «Gammadaa!» jedha. Mishummaan keessan nama mara birattuu ka beekkame haa ta'u, Gooftaan deebi'ee dhufu'uuf dhiyaatee jira, Kanaaf waayee waan maraatiifuu kadhanna'aan, kadhachu'uu fi galataan Waaqaaf dhiyeessaa malee, waayee woma kamiitiifuu hin sarddaminaa. Hubannaa namaatii ol ka ta'e nageenni Waaqaa onnee teessanii fi sammuu keessan, Yesus Kristosiin ni eegaan. Sammuun keessan kanniin ka mara caalanii fi wonittoota mishaa nama galateeffachiisaniin ka guuttame haa ta'u, muumme'etti'llee yaa obboleeyyan! ulfinna dhugaalessa, ka sirrii ta'e, qulqulluu, gammachisiisa'aa fi wonittoota galateeffamaa ta'an, maraa yaadaa. Ka ana irraa barattanii fi ka fudhattan, ka dhageettanii fi ka argitan maraa raawwadhaa, Waaqinni nagayaa isin woliin ni ta'a. Yeroo baayi'e'een duubatti deebitanii waayee rakkinna kiyyaatiif yaaduu waan jala qabddaniif, Goofta'aan gammachuun ol aanaa ta'e natti ni dhagayama, kana'llee yoo jedhu waan yaadanii jirttan huji'iin muldhisu'uuf carraa hin arganne ture jechuu kiyya malee, waayee rakkinna kiyyaa yaaduu keessan addaan kuttanii jirttan jechuu kiyyaa miti. Irra deebi'ee'llee kana ka jedhu waan jireenna kiyyaaf ana barbaachisu dhabuu kiyyaanii miti, ani ammoo, «Wonittumaan qabuu ana gaya» jechuu baradhee jira. Kanaaf argachuu'llee ta'ee dhabuu'llee ni beeka, bakka kamittuu taa'ee yeroo kamitti'llee waayee quufu'uutii fi beelayu'uu, dhossaa argachu'uu fi dhabu'uu'llee baradhee jira. Huminna ka naa kennu Kristosiin waan maraa raawwachu'uuf, ni dandda'a. Haa ta'u malee isin qoodamtoota rakkinna kiyyaa taatanii arigamuu keessaniif, mishaa ni raawwattan. Kanaan malee'llee wongeela lallabu'uuf yeroo jala qabetti, Maqedooniya'aa yoo bayu, isin amanttoota Filiphisiiyuustti argamittan malee, kennu'uun ta'ee fudhachu'uun'llee ana woliin ka hirmmaate, woldeenni amanttootaa ka bira'aa akka hin turin isin mataan keessanuu ni beekittan. Tasaloonqe'etti'llee rakkinni akka narra gaye beekittanii, irra dedeebtanii gargaarssa naaf ergitanii jirttan. Kana'llee yoo jedhu kennaa keessan argachu'uuf dhormmu'uun uduu hin ta'in, firiin arjjooma keessan akka isinii baayi'atuuf, hawwu'uun. Ka ana barbaachisuu fi ka ana barbaachisuu oltti'llee kennaan naaf ergitan, harka Ephaafroditusiitii fudhadhee jira, kennaan keessan kun'llee akka waan kitimaa foolii misha'aan guuttamee titti, ka Waaqinni ufitti fudhatuu fi ka gammachiisu. Kanaaf Waaqinni kiyya ulfinnaa fi durummaa isaa karaa Yesus Kristositiin, waan isin barbaachisu maraa isiniif ni kenna. Waaqa keennaa fi Abbaa keennaaf, baraa haga baraa titti, ulfinni haa ta'u! Ameen. Amantoota maraaf maqaa Yesus Kristositiin nagayaa naaf dhiyeessaa, ana woliin obboleeyyan jiran'llee nagaya isiniif ni dhiyeessan. Amanttoonni kuunniin marri'llee keessummaanuu, maatiiwwan worra nugusa Roomaa ka ta'an, nagaya isinii ni dhiyeessan. Kennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii, isin woliin haa ta'u. Fedhii Waaqaatiin barataa Yesus Kristosii ka ta'e Phaawulosii fi obboleessa keenna Ximotewosiin irraa, Qolaasiyaas ka jiraatan, Kristosiin Qulqullu'uu fi amanamttoota amanttoota ta'aniif, Waaqa keenna Abbaa biraa, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u. Isiniif yeroo kadhannutti Abbaan Gooftaa keenna Yesus Krstosii Waaqa Abbaa yeroo mara ni galateeffannaan. Amantii Yuesus Kristosiin qabddanii fi jaalala amanttoota maraatiif qabddan maraa, dhageennee jirra. Wongeelli dubbii dhuga'aa ta'e jalqaba gara keessan yeroo gayetti abddii isa keessa jiru dhageettanii jirttan, kanaaf amantii keessan fi jaalalli keessan ka hunddaaye sami'itti qophaayee ka isiniif turu, abddii kana irratti. Isin yeroo wongeela itti dhageettanii fi dhugaa ta'uu kennaa Waaqaa ka bilisaa'llee guyyaa itti hubattanii jala qabee, wongeelli kun isin jidduu akkuma ta'e biyya lafaa mara keessatti, daraaru'uu fi guddachuu irra ni jira. Kana'llee bakka keenna tajaajilaa amanamaa Kristosii ka ta'ee fi nu'uun'llee woliin ka hojjatu, jaalatamaan Ephaafraas isinitti himee jira. Akkuma kana inni Hafuura Waaqaatiin ufii keessan wol jaalachuu keessan, nutti himee jira. Kanaaf kana guyyaa itti dhageennee jala qabee isin ogummaa hafuuraya'aa fi hubannaa maraan, fedhii Waaqaa ka hubattanii beekkomissa guutuu akka qabaattaniif, isinii kadhachu'uu fi Waaqa gaaffachuu irraa nu'u addaan hin kunne. Akkuma kana Goofta'aaf karaa barbaachisaa ta'een jiraachu'uun, dhugamaan isa akka gammachiifttan hujii mishaa kamiinuu hojjachu'uun, firii akka daraarttanii fi Waaqa'llee beeku'uun guddata'aa akka deemittaniif ni kadhanna. Gooftaan jajabinna huminna isaa ol aana'aa maraan isiniif haa kennu, obissaan'llee waan maraa danda'uuf gammachu'uun ka qophoofttan ta'uuf isin haa gayu, Dabalee'llee mootummaa ifaa keessatti Qulqullaawotaan woliin qabiyyee akka qoodamttaniif ka isin taasise, Waaqa Abbaa gammachu'uun galateeffadha'aanii. Inni huminna dukkanaatii baasee gara mootummaa Ilma isaa ka jaalatamee, akka gallu nu taasisee jira. Isaan'llee bilisa baanee dhiifama chubbu'uu argannee jirra. Kristos Waaqa hin muldhaneef fakkeenna dhuga'aati. Inni'llee uumama maraa oltti, ol aana'aa fi hangafa. Sami'ii fi arddii irra ka jiran, wonittoonni muldhatanii fi ka hin muldhanne, huminnoonni sami'iitii fi bulchitoonni, itti gaafatamoonnii fi aangoo worri qaban maarrinuu, ka uume isaan, isaaf. Inni waan maraan duranattuu ni jira ture, wonitti marrinuu wol qabatee ka dhaabate isaan. Inni'llee qaama isaa ka taate mataa woldaya amanti'iiti, waan maraanuu durssaa akka ta'u du'aa ka'uun'llee ka duranaatii fi ka jalqabaati. Kun'llee ka ta'e guutummaan Waaqummaa isaa Ilma isaatiin akka jiraatuuf, fedhii Waaqa Abba'aa waan ta'eef. Karaa isaatiin'llee sami'itti ta'ee arddi'itti'llee wonittoota jira maraa mataa isaa woliin ni araarsse, fannoo irratti ka jige diiga Ilma isaatiin'llee, nageenna ni taasise. Duri Waaqa irraa fagaattanii ni jiraattan turttan, waayee yaada keessaniitii fi hujii hamaa keessaniitiin'llee, diinota isaa ni turttan. Amma garuu Qulqullaawomaa fi qulqullinna, ashaan'lleen ka isinitti hin jirre taasisee ufi duranatti isaan dhiyeessu'uuf, sababa Ilmi isaa fooniin du'uu isaatiin, Waaqinni mataa isaa woliin isin ni araarsse. Kun'llee ka ta'u hunddoofttaniitii fi midhaaffattanii abddii wongeelaan argameen uduu hin raafamin, amanti'iin jabaattanii yoo jiraattan qofa, wongeelli kun'llee Kama isin dhageettanii fi namoota biyya lafaa irra jiran maraaf ka lallabame, ani Phaawulos'llee tajaajilaa ka ta'e wongeeluma kanaaf. Amma'llee waayee rakkinna isiniif fudhadhuutiin ni gammada; waayee qaama isaa ka taateetii fi waayee woldaya amanti'iitiif'llee, rakkinna Kristosii qoodamu'uuf ka narraa dhidhate, foon kiyyaan ni guuta. Dubbii Waaqaa guutumma'aan isiniif ibisuu akka danda'uuf, akkaataa itti gaafatama Waaqa biraa naaf kennameetiin, tajaajilaa woldaya amantti'ii ta'ee jira. Kun'llee dubbiin Waaqaa baroota dabrrantti ilmaan namaa jalaa dhokatee ka turee fi amma garuu Waaqinni worra amanan maraaf, dhossaa ibise. Waaqinni Qulqullootaaf ibisuu ka fedhe ka jiru ulfinna dhossaa kana ka durumma'aa, isin ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne jiddu'utti, hagam ol aanaa ta'uu isaati. Tokkoon tokkoon namaa Kristosiin nama gayeessaa akka ta'u taasfnnee dhiyeessu'uuf nama maraaf ogummaa mara barsiisu'uu fi gorssu'uun, waayee Kristosii ni lallabnna. Waaqinni huminna isaa ol aanaa ta'een ana keessatti waan hojjatuuf karaa huminna kanaatiin, kaayyoon kun akka raawwatamuuf, ciminnaan woldhaana'aa ni dadhaba. Waayee keessan fi waayee namoota Loodoqiyaa jiraniitiif, akkuma kana fuuluma kiyya'llee arganii waayee namoota hin beekinne maraafuu, hagam woldhaanssoo cimttuu akka taasisu akka beekittaniif ni jaaladha. Ka woldhaanuun'llee onneen isaanii jajabaatteetii fi jaalalaan wolitti hidhamanii, hubannaa mudaa dhabeessa mara buufachu'uun dhossaa Waaqaa ka ta'e, Kristosiin akka beekaniif. Qabeenni Ogumma'aatii fi beekkomisaa dhokatee ka argamu, Kristosiin biratti. Kana'llee ka isiniin jedhu eennu'llee dubbii sossobi'iitiin akka isin hin sobinneef jedheeti, fooniin isin irraa yoma fagaadhe'llee hafuuraan isin woliin ni amala misha'aan jiraachuu keessan fi jira, amantii cimaa Kristosiin irratti qabiddan argu'uun'llee, ni gammada. Akkuma Gooftaa Yesus Kristosiin ufitti fudhattaniinitti isaan jiraadhaa, isaa irratti hundoofttaniitii fi ijaaramttanii akkaataa barattaniiin, amantii keessaniin jabaadha'aatii jiraadhaa, galata guutee hafu'llee dhiyeessaa. Kristosiin irratti ka hunddeeffame uduu hin ta'in aadaa naminni baasee fi seera biyya lafaa irratti hundaaye falaasafamaa tasaatiin, eennu'llee akka isin hin qabnneef ufi eeggadhaa. Guutummaan Waaqumma'aa ka dhuga'aa muldhatee ka jiraatu, Kristosiin. Isin'llee jireenna guutuu ka argattan uumama isaa mara irratti, mataa bulchiinsaa fi aangoo maraa ka ta'e Kristosiin. Isatti'llee amanuu keessaniin gadoomittanii jirttan, gadoomuun keessan kun'llee cubbamaa amala foon keessan isiniif dhabamasiisu'uuf, Kristosiin ka taasfame malee harka namaa titti ka taasfamee miti. Yeroo cuuphamttanitti Kristosiin woliin awwaalamittanii isa woliin'llee du'aa kaatanii jirttan, ka du'aa kaatan'llee Kristosiin du'aa ka kaaseen huminna Waaqaa titti amanuu keessaniin. Cubbuu hojjachuu keessan fi foon keessan cubbamaan sababa Kristostti amanu'uu dhabuu isaatiin waan hin gadoominiif isin du'oota ni turttan, amma garuu Waaqinni Kristosiin woliin jiraattota isin taasisee jira, cubbuu keessan maraaf'llee dhiifama isiniif taasisee jira. Inni san ka nu himatuu fi nu morma ture, Seeraan ka jiru liqaa barreeffamaa ni dhabamisiise, foon irratti woraanee'llee nurra ni dhabamisiise. Huminootaa fi namoota aangoo qaban fannoo isaatiin isaan injifatee, hidhannoo isaanii eega isaan irraa hiikeen duubatti, booji'amittoota ta'anii ifatti akka muldhatan, isaan ni taasisee. Eegaa nyaataan yookiin dhugaati'iin, ayaanota yookiin guyyaa jalqaba ji'aa, yookiin sababaa Sanbbata kabaju'uutiin, eennu'llee isinitti hin murtteessin. Kunniin marrinuu ufi durana ni dhufan wonittoota turaniif akka gaaddisaat, dhugaan ka argamu garuu Kristosiin. Mata gad qabata tasaatiin malayikkoota waaqeffachu'uun ka dhaadatu naminni kumi'llee, gatii malee akka isin hin hanbbfnneef ufi eeggadhaa. Naminni akkanaa kun waayee muldhata arguutiin ufi dhaada'aa, tasaa fi yaada fooniitiin ufi ni dhaada. Naminni akkanaa jiru kun mataa ka ta'e Kristosiin woliin wolitti dhufeenna woyiituu hin qabu, qaama maraa wol qabata hunnaa fi ribu'uutiin wolitti qabsiisee ka sooru, mataa isaati. Waaqinni guddinna gutummaa qaamaatiif ka kennu'llee, bifuma kanaan. Kristosiin woliin duutanii biyya lafaa kanatti seerota bu'uraa raawwattanii ka fooyamittan yoo taatan eegaa, amma biyya lafaa irraa akka bifa hin fooyaminii taatanii, waayee maaliif ajajoota akkana jiraniif bitamittan, Ajajoonni'llee, «Hin qabin, hin dhandhamin, hin tuqin!» ka jedhan. Kunniin marrinuu ajajootaa naminni hojjatee fi barsiisa irratti ka hundaayan waan ta'aniif, hujii irra eega oolaniin duubatti badu'uuf ka murtaayan. Ajajoonni kunniin waaqeffannaa fedhii mataa isaa irraa burqqee fi mataa gad qabata tasaatiin qaama'llee hiyyoomissuu irratti waan xiyyeeffataniif waan ogommaa qaban ni fakkaatan ta'a, garuu karaa miira foonii toowachu'uutiin gati dhabeeyyi'i. Eegaa Kristosiin woliin du'aa eega kaatan, bakka Kristos mirga Waaqaatiin ta'ee jiru ol samii, wonittoota jiran barbaadaa. Yeroo maraa ol samii waayee wonittoota jiranii yaadaa malee, waayee wonittoota arddii irra jiranii, hin yaadinaa. Isin du'aan haga waan fooyamu'uu titti biyya lafaa kana irraa fooyamttanii jirttan, lubbuun teessan'llee Kristosiin woliin Waaqa keessatti dhoffamee jira. Lubbuun keessan Kristosii yeroo muldhatutti, isin'llee isaan woliin ulfinnaan ni muldhattan. Kanaaf isin keessatti ka argaman jireenna hawwiiwwan arddiilessaa maraa ajjeesaa, isaan'llee, «Sagaagala, battummaa, kajeellaa sagaagalaa, hawwii hamaa, Waaqa harkaan hojjatame waaqeffachuu kajeellaa ta'e.» Waayee waan kanaatiin namoota hin ajajaminne irratti, deekkamissi Waaqaa ni dhufa. Isin'llee mataa keessan asiin durana namoota hin ajajaminne jidduu yeroo jirttanitti, wonittoota kanniin raawwachu'uun ni jiraattan ture. Amma garuu dallansuu, aarii, dabaa fi maqaa balleessaa ufi irraa dhabamisiisaa, haasofnni nama saalfachiisu'llee afaan keessan hin bayin. Amala moofaa hujii isaa woliin mulqattanii waan gattaniiniif, ufii keessan soba wolitti hin dubbatinaa. Bifa ka isa uumeetiin beekkomisaan haareffama'aa ka deemu, amala haarawa uffadhaa. Haala kanaan Giriikichaa fi Yihudicha, ka gadoomee fi ka hin gadoomin, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ka baratee fi ka hin baratin, ka bilisummaa qabuu fi ka bilisummaa hin qabnne jidduu garaagarummaan hin jiru, Kristos mara, maraaniiyyu. Egaa filatamittoota Waaqaatii fi Qulqulluuwwan, ka jaalatamittan'llee akka ta'uu keessan titti gara laafnna, arjjooma, mataa gad qabata, gara nyaatto'oo fi obissa'llee uffadhaa. Ufii keessanii wol danda'aa, isin keessaa tokko kaan irratti wonitti komate yoo jiraate dhiifama woliin taasisaa, akkuma Kristos dhiifama isinii taasisetti isin'llee dhiifama wolii taasisaa. Kana maraa oltti'llee waan maraa wolitti qabee hidhu'uun, tokkummaa muda maleessa ka argamisiisu, jaalala uffadhaa. Kutaawwan qaama tokkoo taatanii dhugamaanuu ka waamamittan nagaya kanaaf waan ta'eef, nageenni Kristosii onnee keessantti haa moo'u, ka galateeffattan'llee ta'aa. Dubbiin Kristosii guutumma'aan onnee teessan keessa haa jiraatu, ogummaa maraan ufii keessan wol irraa baradhaa, mari'adhaa, faaru'uu fi galataan, qooniqqa hafuuraya'aan'llee, Waaqa onne'een galateeffata'aa faarssaa. Karaa Yesusiitiin Waaqa Abbaa galateeffata'aa jechaan ta'ee huji'iin waan raawwattan maraa maqaa Gooftaa Yesusiitiin raawwadhaa, isaan'llee Waaqa Abbaa galateeffadhaa. Yaa haawotii worraa! Gooftaa biratti barbaachisaa waan ta'eef, abbootii worraa keessaniif ajajamaa. Isin yaa abbootii worraa! Haawotii worraa keessan jaaladhaa, gara jabeeyyii'llee isaanitti hin ta'inaa. Yaa ijoolle! Kun waan Gooftaa gammachiisu waan ta'eef, waan maraanuu worra keessaniif ajajamaa. Yaa maatii! Abddii akka hin kutanneef ijoollee keessan dallansu'uun akka aaran hin taasisinaa. Seera garbrumma'aa titti ka jirttan! bulchitoota teessan ka arddi'iitiif waan maraanuu ajajamaa, ka ajajamittan'llee isaan waan isinii arganii fi nama waan gammachiifttaniif mulidhachu'uuf uduu hin ta'in, Gooftaa sodaachu'uu fi qajeelluma onne'eetiin haa ta'u. Waan raawwattan maraa namaaf uduu hin ta'in Gooftaa Yesusiif akka bifa raawwattanii titti, onnee keessan guutu'uun raawwadhaa. Kanaaf'llee Gooftaan qabiyyee sami'ii gatii taasisee akka isiniif kennu ni beekittan, Gooftaan tajaajilttan'llee Kristos. Waaqa bira daloon waan hin jirreef ka hamaa hojjatu'llee waayee hujii hamaa isaatiif, adabbii isaa ni fudhata. Yaa gooftota! Isin'llee sami'itti gooftota akka qabddan beekittanii tajaajiltoota keessan, qajeelumma'aa fi wol qixxumma'aan isaan bulchaa. Waaqa dammaxxanii galateeffachu'uun, uduu addaan hin kutin kadhadhaa kanaan woliin'llee Waaqinni dubbii isaatiif balbala akka nuuf banuu fi waayee isaatiin hidhamee bakka ani itti argamu kanatti, dhossaa Kristosii lallabu'uuf akka dandda'u nuuf'llee kadhadhaa. Ani'llee akka narraa malutti dubbii isaa ifatti akka dubbadhuuf, naa kadhadhaa. Yeroo carraa kamii tittuu fayyadama'aa namoota hin amanne biratti, ogumma'aan jiraadhaa. Tokkoo tokkoo namaatiif deebii barbaachisaa ta'e kennuu akka beekittaniif, yeroo maraa haasofnni keessan bifaa fi mi'aa ka qabu haa ta'u. Xikiqoos waayee kiyya waan maraa isinitti ni hima, inni obboleessa jaalatamaa, tajaajilaa amanama'aa fi hujii Goofta'aatiin'llee waahela kiyya ka tajaajilaati. Isa waayeen gara keessan ergeef waayee haala keenna akka isinitti himuu fi onnee teessan'llee akka jajabeessuuf. Isa woliin'llee worra keessan ka ta'e ka amanamee jiruu fi ka jaalatame obboleessi keenna Oneesimos gara keessa ni dhufa, isaan waayee waan bakka kana jiru maraa isinitti ni beekisisan. Anaan woliin ka hidhame Arisxaarkos'llee nagaya isiniif ni dhiyeessa, yeroo tokko «Gara keessan yeroo dhufutti akka ufitti fudhattaniin» jedhee, isin yaadachiisee ka ture, ilma abbeeraa Baarnaabaasii Maarqoos'llee, nagaya isinii dhiyeessa. Iyosxoos jedhamee'llee ka waamamu Iyyaasuun nagaya isinii ni dhiyeessa. Waayee Mootummaa Waaqaatiif anaan woliin namoota hojjatan jiddu'uu worra Yihudotaa ka ta'an kanniin qofa, ana'llee jajabeessanii jiran. Worra keessan ka ta'e tajaajilaan Yesus Kristosii Ephafaarm nagaya isiniif ni dhiyeessa, jireenna hafuuraatiin guddachu'uun jabaattanii akka dhaabattanii fi fedha Waaqaa maraa akka raawwattaniif, inni yeroo maraa isiniif ni kadhata. Waayee keessan Loodooqiya'aa fi magaalota Heraapholisii waayee namoota jiraniitiif'llee haalaan akka dadhabu, ani mataan kiyyaa ragaa ni bayaaf. Ka jaalatame ogeessi fayya'aa Luqaasii fi Deemaas'llee, nagaya isinii ni dhiyeessan. Obboleeyyan Loodooqiya'aa jiran Nimufu'uu fi woldaya amanti'ii ta mana isi'ii jirttuuf'llee, nagaya naa dhiyeessaa. Ergaa kana isin eega dubbiffattaniin duubatti namoota Loodooqiyaa bira woldaya jirttutti'llee akka dubbiffamttu taasisaa, isin'llee ergaa Loodooqiyaa isiniif ergamu dubbisaa. Arkiphosiin'llee, «Tajaajila Gofta'aatiin hujii si'iif kenname ufi eegganna'aan akka raawwatu» jedha'aatii itti naa himaa. Nagaya kana harka kiyyaan ka barreesse ana Phaawulos, birbiraataan hidhamee akka jiru yaadadhaa. Kennaan Waaqaa ka bilisaa isin woliin haa ta'u. Worroota Waaqa Abba'aatii fi Gooftaa Yesus Kristosii ka ta'an amanttoota woldaya Tasolonqe'ee ta'an, Phaawulos, Siilaasii fi Ximotewosiin irraa ergaa ergame, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u. Nu'u yeroo maraa isin kadhannaa keennaan isin yaadata'aa, Waaqaaf galata ni dhiyeessina. Waaqa keennaa fi Abbaa keenna duranatti amantiin keessan ka hojjatu, jaalalaaf ka raawwattanii fi Gooftaa keenna Yesus Kristositiin abddii qabddan obissaan eeggachuu keessan, nu'u uduu addaan hin kutin ni yaadanna. Waaqaan ka jaalatamttan Yaa obboleeyyan, Waaqinni akka isin filate ni beekinna. Wongeela keenna ka isinitti himnne jecha qofaan uduu hin ta'in huminnaa fi Hafuura Qulqullu'uun, waayee wangeelaatiif'llee dhugaaleyyii ta'uun, isin woliin yeroo turretti'llee, isiniif jecha attamitti akka jiraanne ni beekittan. Rakkinni baayi'een isin irra yoma gaye'llee karaa Hafuura Qulqullu'uutiin gammachuu argameen dubbii isaa fudhattanii, fakkeenna keennaa fi Gooftaa Yesusii fudhattanii ka horddofittan taatanii jirttan. Kanaaf Maqedooniya'aa fi Akaayiya'aatti amanttoonni argaman maraaf, fakkeenna mishaa taatanii jirttan. Dubbiin Goofta'aa isin keessaa bayee ka dhagayame Maqedooniya'aa fi Akaayiyaa qofatti uduu hin ta'in, amantiin Waaqaan irratti qabddan bakka marattuu beekkamee jira ture, waayee kanaan nu'u waayee kanaan, womaayyuu dubbachuu nu'u hin barbaachisu. Gara keessan yeroo dhufinnetti attamitti akka ufitti nu fudhattan, Waaqa jiraata'aa fi dhugaalessa tajaajilu'uuf, waaqolee harkaan hojjataman irraa fooyamittanii gara Waaqaa attamitti akka deebitan, namoonni sunniin mataan isaaniituu ragaa ni bayan. Akkuma kana Waaqinni du'aa ka isa kaasseen, dheekkamissa dhufuu jalaa ka nu baasu, dhufaatii ilma isaa Yesusii ka sami'ii dhufuu attamitti akka eeggattan'llee ragaa ni bayan. Yaa obboleeyyan! Gara keessan dhufuun keenna gati dhabeessa akka hin ta'in, isin mataan keessanuu ni beekittan. Akkuma isin beekittantti asiin durana Filiphisiiyuus yeroo turretti, rakkinnaa fi arrabnni nurra gayee jira. Garuu mormmiin ol aanaan yoma nurra gaye'llee wongeelichaa isin akka barsiifnnuuf, Waaqinni keenna uggiinsa nuuf kennee jira. Nu'u ka isin gorssine dogoggoraan yookiin kaayyoo batti'iin eemaraminneetii miti, isin sobu'uuf wonitti raawwanne womaayyuu hin jiru. Kana irra Waaqinni wongeelicha yabo'oon nuuf ka kenne nu'utti amanee waan ta'eef ni dubbanna, kana'llee ka raawwanu Waaqa onnee teenna qoratu gammachiisu'uuf jenneetii malee, nama gammachiisu'uuf jenneetii miti. Yeroma tokko'llee jechaan shelu'uun yookiin fedhii qarshi'ii qabaannee gonkumaa akka hin dubbatin, isin mataan keessanuu ni beekittan. Waaqinni'llee ragaa keenna. Isin irraa'llee ta'ee kaanniin nama kamiin irraayyuu nu ulfinna hin barbaanne. Ergamittoota Kristosii akka ta'uu keennaa titti barbaachisaa waan ta'e isin irraa gaafachu'uuf ni dandeenna ture, garuu akkuma haadha ijoollee isi'iitiif ufi eeggannaa taasfttuu titti, gara laafnnaan jidduu keessantti ni dedeebine. Akkuma kana haalaan waan isin jaalannuuf, wongeela Waaqaa isiniif lallabuu qofa uduu hin ta'in, lubbuma keenna'llee isinii kennu'uuf qophaayota turre. Yaa obboleeyyan! Attamitti akka hojjannee fi akka dadhabinne ni beekittan, wongeela Waaqaa yeroo isiniif lallabnnutti, tokkoo tokkoo keessan irrattuu ba'aa akka hin taaneef, halkanii fi guyyaa hojjachu'uun ni dadhabinna turre. Isin amanttoota jidduu yeroo turretti qulqullummaa attamiitii qulqullaawoma fi jireenna ashaa hin qabnneen'llee akka jiraanne isin ragoota, Waaqinni'llee raga'a. Akkuma bifa abbaan ijoollee isaatiif raawwatuu titti nu'llee isin tokkoo tokkoo keessaniif, akka isiniif raawwanne ni beekittan. Yeroo maraa isin gorssa'aatii fi isin jajabeessa'aa mootummaa isaatii fi ulfinna isaa'llee akka qoodamttaniif ka waamamittan, akkaataa waan Waaqinni ittiin gammaduutii akka jiraattaniif yaboo akka isiniin jenne ni beekittan. Akkuma kana waayee keessaniif uduu addaan hin kutin sababaa Waaqa ittiin galateeffannu ni qabnna, kun'llee dubbii Waaqaa ka nurraa dhageettan yeroo fudhattanitti, isin amanttoota keessatti ka hojjatu dubbii kana ka fudhattan akka dubbii namaa titti uduu hin ta'in, akka dubbii Waaqaa taasfttaniiti. Dhugamattuu ammoo dubbii Waaqaati. Yaa obboleeyyan, Isin'llee worra arddii Yihuda'aa titti argaman Yesus Kristositiin fakkeennummaa woldayoota amanti'ii horddofttanii jirttan, akkuma Yihudotaan rakkinni isaan irra gaye maraatti isin'llee woruma keessaniin, rakkinni isin irra ni gaya. Yihudonni Gooftaa Yesusii fi nabiyyoota ka ajjeessan, nu'llee ari'anii worra biyyaa baasan, isaan worra Waaqa gaddisiisanii fi namoota mara'llee worra jibban, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne dubbii ittiin fayyan akka hin dubbanneefuu nu dhooggan, bifa kanaan cubbuu cubbuu irraan dabala'aa ni deeman, kanaaf muumme'etti dheekkamssi Waaqaa isaanitti dhufee jira. Garuu yaa obboleeyyan! Hafuuraan yoo argu ta'ee fooniin, yeroo muraasaaf isin irraa fooyamuu keennaan, jaalallitti isiniif qabnnu baayi'ee waan ta'eef, ija fooniitiin isin argu'uuf yaalii baayi'ee ni taasfnne. Gara keessan dhufu'uuf barbaannee turre, keessummaanuu ani Phaawulos gara keessan dhufu'uuf dedeebi'ee yaalee ture, garuu Sheexanni nu'u ni dhooge. Eegaa abddiin keenna yookiin gammachuun keenna yookiin Gooftaan keenna Yesus Kristos yeroo dhufu isa duranatti ka ittiin dhaadannu, gonfaan keenna ka injifanno'oo isinii mitii ree? Dhugamattuu ulfinni keennaa fi gammachuun keenna'llee isin. Kanaaf ammaa achitti obissuu dadhabuu keennaan, Ateena'aatti adda keenna hafuun keenna mishaa ta'ee nutti ni muldhate. Obboleessa keennaa fi tajaajilaa Waaqaa ka ta'e, gammachuu oduu misha'aa Kristosii lallabu'uun waahelli hujii keennaa ka ta'e Ximotewosiin isinii erginee jirra, ka isinii ergine'llee akka isin jajabeessuu fi amanti'iin'llee akka jajabaattan, akka isin gorssu'uuf, kun'llee rakkinna isin irra gayeen akka hin raafaminne isin ni taasisa, rakkinni kun'llee nu'uuf carraa murttaaye ta'uu isaa isin mataan keessanuu ni beekittan. Gonkumaa isin woliin yeroo turetti rakkinni akka narra gayu durssinee isinitti ni himnna ture, akkuma beekittantti'llee rakkinni narra gayee jira. Waayee kanaan ammaa achitti obissaan eeguu dadhabuu kiyyaan waayee amantii keessan beeku'uuf barbaadee Ximotewosiin gara keessan ni ergeen, isa'llee sababaan ergeef qorataan yookiin karaa tokkoon isin qormaatee ni ta'a, hujiin keenna'llee tasa ta'ee hafee jira jechu'uun sodaadheeti. Amma garuu Ximotewos isin biraa gara keenna dhufee, waayee amantii keessaniitii fi waayee jaalala keessanii'llee odduu gammachiisu nutti himee jira, akkuma kana isin'llee yeroo maraa waan misha'aan akka nu yaadattanii fi nu'u isin argu'uuf, haguma isin yaadinnuun isin'llee nu argu'uuf akka yaaddan, nutti himee jira. Kanaaf yaa obboleeyyan, nu'u ka argaminnu rakkinnaa fi sarddama keessatti yoma ta'e'llee, waayee amantii keessaniitiin isiniin jajabaannee jirra. Gooftaa Yesusiin jabaattanii jiraachuun keessan nu'uuf jireenna keenna. Kunnoo, amma waayee keessaniif galata ni dhiyeessinna, waayee keessaniin'llee isa duranatti waayee gammachuu qabnnuutiif Waaqa ni galateeffanna. Halkanii fi guyyaa akka jabaa ka kadhannuuf ija fooniitiin akka isin arginuu fi amantii keessaniin'llee waan dhidhate guutu'uuf, akka dandeennuuf. Amma'llee mataan isaatuu Waaqinni keennaa fi Abbaan keenna, Gooftaan keenna Yesus'llee gara keessaan akka dhufinnuuf, karaa keenna nuuf haa qajeelchu. Akkuma nu'u isin yaannutti Gooftaan ufii keessan fi kaanniin maraaf'llee jaalallitti qabddan, akka guddatuu fi akka baayi'atu isiniif haa taasisu. Bifa kanaan Gooftaan keenna Yesus qulqullaawota mara woliin yeroo itti dhufutti Waaqa keennaa fi Abbaa keenna duratti, onneen teessan ka ashaa hin qabnnee fi Qulqulluu akka ta'uuf isin ni jajabeessa. Muumme'etti'llee yaa obboleeyyan! Waaqa gammachiisu'uuf attamitti jiraachuu akka qabddan nurraa barattanii jirttan, amma'llee ka jiraattan akkanumatti, maqaa Gooftaa Yesusiitiin ka isin kadhannuu fi ka isin gorssinu'llee, waan asiin durana raawwattan caala'atti akka raawwattaniif. Maqaa Gooftaa Yesusiitiin qajeelfama attamii akka isiniif kennine, ni beekittan. Fedhiin Waaqaa akka isin Qulqulloofttanii fi sagaagala irraa akka fagaattaniif. Tokkoon tokkoonuu haadha worraa isaa Qulqulloofttaniif fi ulfinnaan eegee qabachuu haa beeku. Akka ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ka Waaqa hin beekinnee titti, hawwii sagaagalaa hin qabaatin. Waan kanaan naminni kami'llee seera hin dabrrin, amanataa bira'aa'llee hin miidhin, asiin durana akkuma isinitti himnnee fi akka ufi isin eeggachiifinnetti wonittoota kanniin worra raawwatan Gooftaan isaan ni adaba. Waaqinni ka nu waame qulqullaawomaan akka jiraannuuf malee, battumma'aan akka jiraannuufii miti. Kanaaf gorssa kana ka mormmu, ka mormman Hafuura isaa Qulqulluu isaaniif kennu Waaqaan malee, namaanii miti. Waayee ufii keessan wol jaalachu'uu isin mataan keessanuu Waaqa irraa waan barattaniif, waayee dhimmichaa womaayyuu isiniif barreessuu hin barbaachisu. Obboleeyyan Maqedooniyaa guutuu keessa jiran maraa ni jaalattan, ta'u'llee yaa obboleeyyan, amma ka isin gorssinu caala'atti akka jaalattaniif. Tasgabbi'iin'llee jiraachu'uuf akka tataafattanii fi waayee dhimma mataa keessanii'llee akka yaaddaniif akkuma asiin durana isin ajajinnetti, harkuma keessaniin akka hojjattaniif. Bifa kanaan namoota hin amanne biratti ka bajamittan ni taatan, maxanaa eennuu'llee hin taatan. Yaa obboleeyyan! Akka namoota abddii hin qabnee titti akka hin gaddine, waayee namoota du'anii dhugaa jiru akka beekittaniif ni jaalanna. Yesus akka du'ee fi du'aa'llee akka ka'e ni amanna, kanaaf Yesusitti amananii worri du'an Waaqinni isa woliin isaan ni fida. Akkaataa bu'ura dubbii Gooftaa irraa fudhanneetiin ka isinitti himnnu kana, haga yeroo Gooftaan itti dhufuu titti jiraattota taanee ka turru, worra du'an hin durssinu. Qoonqqa ajajaa, qoonqqa itti gaafatamaa maleyikkootaa, xurunbbaan laali'ii Waaqaa'llee ni dhagayama, Gooftaan mataan isaatuu kanniiniin marffamee sami'ii ni bu'a, Kristostti amananii worri du'an'llee durssanii ni ka'an. Kanaan duubatti nu'u worri lubbu'uun argaminnu Gooftaa qilleenssa gubba'atti simachu'uuf, isaaniin woliin duumessaan ol ni butaminna, bara baraaf'llee Gooftaa woliin ni jiraanna. Kanaaf, dubbii kanaan ufii keessan wol jajabeessaa. Yaa obboleeyyan! Waayee bara wonitti kun itti raawwatamuutii fi waayee yeroo'llee, womaayyuu akka isiniif barreessu hin barbaachisu. Guyyaan Goofta'aa ka dhufu, hattuun halkaniin akkuma bifa dhufuu titti ta'uu isaa, isin mataan keessanuu midhaastanii ni beekittan. Namoonni, «Wonitti marrinuu nagayaa fi ka tasgabaaye» yoo jedhan, akkuma bifa dubarttii ulffaa yoo ciiniiniissuun isii qabdduunii titti badiin dimmaa isaanitti ni dhufa, bifa kamiinuu jalaa hin bayan. Isin garuu yaa obboleeyyan, dukkana keessa hin jirttan, kanaaf guyyaan akka hattu'uu titti isinitti hin dhufu. Isin marrinuu namoota ifaa, namoota guyya'aati'llee, nu'u namoota halkanii yookiin namoota dukkanaatii miti. Kanaaf nu'u haa dammaqinnuu, mataa keenna toowachu'uun hagatti haa jiraannu malee, akka kaanniinii muguu hin qabnnu. Namoonni mugan'llee halkaniin haa mugan, ka machaayan'llee halkaniin ni machaayan. Nu garuu namoota ifaa waan taaneef mataa keenna toowachu'uun hagatti haa jiraannuu, amanti'ii fi jaalala akka uffata woraanaa titti haa uffannuu, abddii fayyinnaa'llee akka qoobii sibiilaa titti, haa godhannu. Waaqinni ka nu waame dallansu'uuf uduu hin ta'in karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin, fayyinna akka argannuuf. Kristos waayee keennaaf ka du'e lubbu'uun yoo jiraanne yookiin yoo duune'llee, isa woliin akka jiraannuuf. Kanaaf amma bifa raawwatta'aa jirttaniin, tokko ka bira'aa ijaaru'uun haa jajabeesuun. Yaa obboleeyyan! Isin jiddu'uutti huji'iin worra dhadhaban, maqaa Gooftaa Yesusiitiin itti gaafatamoota keessan fi gorrsitoota keessan ka ta'an, akka isaan kabajaniif, isin ni kadhadha. Waayee hujii isaaniitiin'llee isaaniif ulfinnaa ol aana'aa fi jaalala qabaadhaa, isin'llee ufii keessan nagayaan woliin jiraadhaa. Yaa obboleeyyan! «Worra hujii jibbantti baanadhaa, sodaattota jajabeessaa, dadhabiddoota gargaaraa, nama maraaf obissaa» jennee, isin ni gorssina. Naminni kamiiyyuu bakka hama'a'aatiif hamaa akka hin deebifnne ufi eeggadhaa, kana irra isin yeroo maraa ufii keessaniif ta'ee akkuma kanaan'llee namoota kaanniin maraafuu, waan mishaa raawwachu'uuf dammaqaa. Yeroo maraa gammadaa! Uduu addaan hin kutin kadhadhaa. Waan maraanuu Waaqa galatteeffadhaa, jireenna Yesus Kristosiin qabddaniin Waaqinni isin irraa ka barbaadu kana. Hujii Hafuura Qulqullu'uu hin ukkaamsinaa, Kennaa dubbii raagaa dubbatee hin tuffatinaa; Waan maraa qormaataa, qoradhaa, ka mishaa ta'e qabadhaa. Waan hamaa kamiin irraayyuu fagaadhaa. Mataan isaatuu Waaqinni nagayaa waan maraanuu isin haa qulqullaawomssu, hafuurri keessan, lubbuun teessanii fi qaaminni keessan marrinuu, guyyaa Gooftaan keenna Yesus Kristos itti dhufuuf, ashaa malee eeggamee haa jiraatu. Ka isin waamu sun amanamaa waan ta'eef kana ni raawwata. Yaa obboleeyyan! Nu'uu'llee kadhadhaa. Obboleeyyan maraa wol dhungoo Qulqullaawome qabuun, nagaya isaaniin jedhaa. Ergaan kun amanittoota maraafuu akka dubbiffamu, maqaa Goofta'aatiin yaboo isiniin ni jedha. Kennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii, isin woliin haa ta'u. Ta Waaqa Abbaa keennaatii fi ta Gooftaa keenna Yesus Kristosii ka taate woldaya amanttoota Tasoloonqe'eetiif Phaawulos, Siilaasii fi Ximotewosiin irraa ka ergame, Waaqa Abba'aa fi Gooftaa Yesus Kristosiin biraa kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u. Yaa obboleeyyan! Waayee keessaniin Waaqa yeroo maraa ni galateeffanna, galateeffachuun'llee barbaachisaa keenna, ka galateeffannuuf'llee amantiin keessan caala'atti guddata'aatii fi jaalalitti tokkoo tokkoo keessan ufii woliif, dabala'aa deemuu isaatiin. Kanaaf yoma rakkinnii fi sarddaminni baayi'een isin irra gaye'llee, isin attam obissitootaa fi amantii keessaniin jabaattanii ka dhaabattan ta'uu keessan dubbachu'uun, nu'u woldayoota amanti'ii kaanniin jidduu taanee, isiniin ni dhaadanna. Wonitti kun marrinuu ka muldhisu murtiin Waaqaa sirrii ta'uu isaatii fi isin'llee Mootummaa isaa ka rakkinna fudhattaniif gayeessota ka isin taasisu ta'uu isaati. Waaqinni murtteessaa dhuga'aa ta'uu isaatiin rakkinna isin irratti worra fidan irratti rakkinna fidu'uun, gatii isaanii ni kafalaaf. Amma rakkinna worra rakkinna itti fudhattaniif'llee nu'uun woliin boqannaa isiniif ni kenna. Kun'llee ka ta'u Gooftaan Yesus maleyikkoota isaa ol aanttotaan woliin, sami'ii yeroo itti bu'utti, sami'ii ka muldhatuun'llee ibdda bobayuun, yeroo sanitti Waaqa worri hin beekinnee fi wongeela Gooftaa keenna Yesusiitiif worri hin ajajaminne'llee ni adaba. Isaan'llee Gooftaa duranaa fi ulfinna isaa ol aanaa irraa fooyamanii, balleessaa bara baraatiin ni adabaman. Ka adabaman'llee guyyaa san qulqullaawotaan kabajamu'uu fi worra amanan mara biratti'llee maalalffatamu'uuf yeroo itti dhufutti. Isin'llee ragummaa keenna fudhattanii amanuu keessaniin, isaan woliin ni laakkayamttan. Kana yaadu'uun waayee keessaniif uduu addaan hin kutin ka kadhannu, Waaqinni keenna waamicha isaatiif gayeessota akka isin taasisuu fi waan mishaa raawwachu'uuf fedhiin isin qabddanii fi hujiin keessan ka amanti'ii marrinuu, huminna isaatiin akka isinii raawwatamuuf. Akkuma kana maqaan Gooftaa keenna Yesusii Kristosii isiniin akka kabajamuu fi isin'llee Waaqa keennaa fi akkaataa bu'ura kennaa bilisaa ka Gooftaa Yesus Kristositiin, isaan akka kabajamittaniif ni kadhanna. Yaa obboleeyyan! Waayee dhufiinssa Gooftaa keenna Yesus Kristositii fi nu'llee isa woliin ta'u'uuf waayee dhimma wolitti qabamiinsa keennaatiif, ka isin kadhannu kana, Raagaan yookiin jechaan akkuma dubbatametti yookiin akkuma nurraa erga'aan barreeffametti taasfttanii, «Guyyaan Goofta'aa gayee jira» jechu'uun, dadafatti sammuun keessan hin jeeqamin, hin raafamina'llee. Naminni kumi'llee bifa kamiinuu isin hin sobin, durssee wol waakkiin uduu hin dhufin, gara ibidda asaabaa titti ka galu nama jeeqamaa ka ta'e'llee uduu hin muldhatin, guyyaan sun hin dhufu. Naminni jeeqamaa kun waaqolee harkaan hojjataman jedhamanii ka waaqeffataman maraa olitti, mataa ufii ol ni qaba, «Ani Waaqa» jedha'aa, Manuma Waaqaa keessa taa'uufuu ni ugga. Isin woliin yeroo turetti waan kana isinitti himee akka ture, hin yaadattanii ree? Yeroo isaa murtteeffametti haga muldhatutti, amma akka hin muldhanneef wonitti isa dhooggu maal akka ta'e ni beekittan. Dhofamaan huminni jeeqamaa amma'llee hujii irra ni jira, ta'u'llee amma ka dhoogamu ni jira, kun'llee ka ta'u ka dhoogamu sun haga dhabamisiifamuuf. Kanaan duubatti Gooftaan Yesus hafuura afaan isaatiin ka balleessuu fi gaachenni dhufuu isaa ka dhabamisiisuun naminni jeeqamaa ni mulidhata. Naminni jeeqamaa ka dhufu baasa dogoggorssaa huminna sheexanaatiin baasaa fi malikatoota wonittoota maalale'ee'llee raawwachu'uun, Akkuma kanaan'llee namoota badan ka soban wonittoota hamaa kamiinuu raawwachu'uun. Namoonni kunniin ka badan'llee fayyinnaan ka isaan gayu, dhugaa jaalatanii waan hin fudhatiniif. Waayee kanaan dharaan akka amananiif, Waaqinni huminna isaan dogoggorssu isaanitti ni erga. Kun'llee ka ta'u dhuga'tti hin amannu jedhanii cubbu'uun worri gammadan marrinuu, akka isaanitti murtteeffamuuf. Goofta'aan ka jaalatamttan yaa obboleeyyan! Nu'u garuu waayee keessaniin Waaqa yeroo maraa galateeffachu'utu nurraa mala, ka galateeffanuuf'llee isin Hafuura Qulqullu'uun qulqullaawomuu fi dhuga'atti'llee amanu'uun akka fayyitaniif, Waaqinni jalqaba waan isin filateef. Waaqinni karaa wongeela nu'u isinitti lallabnneetiin kanaaf ka isin waame, ulfinna Gooftaa keenna Yesus Kristosii akka qoodamttaniif. Kanaaf yaa obboleeyyan, jabaadha'aatii dhaabadhaa, jecha keennaan ta'ee ergaa keennaan'llee barsiisa nu irraa isiniif dabrre, jabeessa'aatii qabadhaa. Mataan isaa Gooftaan keenna Yesus Kristosii fi ka nu jaalate, kennaa isaa ka bilisaatiin'llee bara baraaf jajabeenna, abddii mishaa'llee ka nuuf kenne Waaqinni Abbaan keenna, waan mishaa ta'e maraa akka raawwattanii fi akka dubbattaniif onnee teessan haa jajabeessuun, waan mishaa maraa akka raawwattanii fi akka dubbattaniif, isin haa jabeessu. Muumme'etti'llee yaa obboleeyyan! Isin biratti akkuma ta'e mara dubbiin Goofta'aa dadafaan akka babaldhatuu fi akka kabajamu, nu'uuf kadhadhaa. Akkuma kana dubbii isaa worri dhagayan marrinuu ka amananii miti, kanaaf dabiddootaa fi namoota hamaawwan jalaa akka baanuuf, nuuf kadhadhaa. Gooftaan garuu amanama'a, inni isin in jabeessa, sheexana irraa'llee isin ni eega, waan isin ajajinnu amma'llee ta'ee ufi duranaaf'llee akka raawwattaniif, Goofta'aan isinitti ni amana. Gooftaan onnee teessan gara jaalala Waaqaatii fi gara obissa Kristosii titti isa haa eemaruun. Yaa obboleeyyan! Hujii maleessa ka ta'ee fi akkaataa barsiisa nu irraa isiniif dabrreetiin kristaana hin jiraanne mara irraayyuu akka foottaniif, maqaa Gooftaa Yesus Kristositiin isin ni ajajinna. Fakkeennummaa keenna horddofuu akka isin irraa malu isin mataan keessanuu ni beekittan, nu'u isin woliin yeroo turretti huji maleeyyii hin turre. Buddeena eennuutuu gatii malee hin nyaanne, kana irra isin keessaa eennuun irratti'llee ba'aa akka isatti hin taane jechu'uun halkanii fi guyyaa, dadhabi'ii fi xaari'iin hojjachu'uun turree jirra. Akkana'llee ka raawwanne isin fakkeennumaa keenna akka horddofttaniif jenneeti malee, isin irraa garggaarssa argachu'uuf mirga uduu hin qabaatin hafinneetii miti. Isiniin woliin yeroo turretti'llee, «Hojjachu'uuf ka hin barbaanne hin nyaatin!» danbbii jedhu, isiniif kenninee ture. Kana sababaan jenneef'llee jidduu kessan huji maleeyyiin tokko tokko akka jiran dhagayuu keennaan, namoonni kunniin waan isaan hin galchine keessa galu'uun kaanniin jeequu malee, womaayyuu hin hojjatan. Namoonni akkanaa kunniin tasgabbaayanii akka hojjatanii waan ittiin bulimaata isaanii akka argataniif, maqaa Gooftaa Yesus Kristositiin isaan ni ajajinna, ni gorssinaan'le'e. Isin garuu yaa obboleeyyan! Dadhabnnee jettanii waan mishaa hojjachuu irraa ufi duuba hin deebi'inaa. Ergaa kanaan gorssa isiniif dabarssine naminni hin fudhanne yoo jiraate, nama akkana jiru kana hubadhaa, akka saalfatuuf'llee isaan woliin wolitti dhufeenna hin taasisinaa. Ta'u'llee akka obboleessa titti gorssa'aanii malee, akka diinaa titti hin laakkayina'aanii. Gooftaan nagayaa mataan isaatuu yeroo maraa waan maraan'llee nagaya isiniif haa kennu, Gooftaan isin mara keessan woliinuu haa ta'u. Nagaya kana harkuma kiyyaan ka barreesse ani Phaawulos, ergaa kiyya mara keessattuu malikanni arigamu kana. Ka barreessu'llee akkuma kana. Kennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii mara keessan woliinuu haa ta'u. Fayyisaa keenna Waaqa, abddii keenna ajaja Yesus Kristositiin, barataa Yesus Kristosii ka ta'e Phaawulosiin irraa, Amanti'iin ilma kiyya ka dhuga'aa ka ta'e Ximotewosiif, Abbaa keenna Waaqa, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin irraa'llee, kennaan isaa ka bilisaa, dhiifamnni, nageenni'llee siif haa ta'u. Gara Maqedooniyaa yeroo deemutti akkuma yaboo siin jedheen namoonni achi jiran tokko tokko barsiisa sobaa akka hin barsiifinne akka taasfttu, Efesooniin taa'i. Gara mammaakaa fi gara laakkofssa dhaloototaa ka muummee hin qabnne akka hin deebineef isaan ajaji, wonittoonni kunniin mormmii fidan malee amaniti'iin hujii raawwatamu ka Waaqaatiif, hin fayyadan. Kaayyoon ajaja kanaa garuu onnee Qulqullu'uun, sammuu misha'aa amantii dhuga'aa irraa jaalala argamu. Namoonni tokko tokko wonittoota kanniin irraa fooyamanii, gara mormmii tasaa deebi'anii jiran. Kana'llee ka taasisan barsiisota Seeraa ta'uuf barbaadaniiti, haa ta'u malee waan dubbatan hin beekan yookiin nu'u sirri'i waan ittiin jedhan'llee hin hubattan. Naminni akka ta'utti yoo ittiin hojjate Seerri mishaa ta'uu ni beekinna, akkuma kanaan'llee seerri ka hojjatame namoota mishaawwanii akka hin ta'in ni beekinna, seerri ka hojjatame hamaaleyyi'ii fi yakkamttootaaf, worra Waaqa hin waaqeffanne cubbamootaaf, qulqullaawoma worra hin qabnnee fi worra waan hafuuraa jibbaniif, abba'aa fi haadha worra ajjeesanii fi lubbuu ajjeefttotaaf, sagaagalttootaa fi worra wol qunnamittii saalaa dhiira woliin raawwatan, nama ukkaamisanii fudhachu'uun daldalttoota gurguran fi sobddootaaf, sobaan worra kakatanii fi barnnoota dhuga'aa waan ta'e maraafuu waan masaanuu ka raawwataniif. Barsiifnni dhuga'aa garuu ka argamu waayee ka galateeffamee waayee Waaqaa ka dubbatu wongeela kabajamaa irraayyi, wongeelli kun'llee anaaf yabo'oon ka kenname. Ana tajaajilaaf muudu'uun amanamaa taasisee ka ana laakkayee fi ka naa kenne, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin ni galateeffadha. Yoma asiin durana'llee Kristosiin ka arrabssee fi ka isa ari'e, ka isa salphiseen'llee yoo ta'e, inni dhiifama naaf ni taasise, inni'llee dhiifama kana ka naaf taasise, ani kana mara ka raawwadhe beekkomissa dhabuu kiyyaa fi amanuu dhabuu kiyyaan ture. Kennaan bilisaa ka Waaqa keennaa, Yesus Kristosiin keenna ka ta'e amanti'ii fi jaalala woliin irraa hafaa ta'ee, naaf ni kenname. «Yesus Kristos cubbamoota fayyisu'uuf gara biyya lafaa ni dhufe» dubbiin jedhu, dhugaalessaa fi naminni marrinuu fudhachuu ka qabu, cubbamoota mara irraa ka caalu cubbamaan ana. Garuu dhiifamnni naaf ni taasfame, dhiifamnni ka naaf taasfame'llee Yesus Kristos obissiinsa isaa ka daangaa hin qabnne, ana cubbamaa ta'e ka maraa caaluu irratti muldhisuu isaatiin, worra isatti amananii jireenna bara baraa argatanii fi fakkeenna akka ta'uuf. Kana nugusa bara baraa ka hin duune, ka hin mulidhanne, Waaqa tokkochaaf ulfinnaa fi galanni baraa haga baraa titti haa ta'u! Ameen. Yaa ilma kiyya Ximotewos! Akkuma asiin durana waayee keetiif waan Waaqinni dubbateen himametti, ajaja itti aanee jiru yaboo'oon sitti ni kenna, waan Waaqinni akka himamuuf si kenne horddofu'uun, lola mishaa ta'e loli, amanti'ii fi sammuu mishaa qabaadhu. Namoonni tokko tokko sammuu isaanii gatuu isaaniitiin akkuma dooniin danbalii bishaaniitiin badu, amantii isaanii balleessanii jiran. Isaan keessa'llee Hemeneewosii fi Iskindir ni argaman, inni'llee Waaqa irratti jecha arrabaa dubbachuu irraa ufi qusachuu akka baratan, sheexanaaf dabarssee isaan kennee jira. Waaqaa waaqeffachu'uu fi jireenna ulfinnaan guuttameen kadhata'aa, kadhannaa, worwwaataa fi galanni namoota maraaf, akka taasfamu ni gorssa. Waaqa sodaachu'uu fi amala misha'aan eemarama'aa nagayaa fi tasgabbi'iin akka jiraannu, keesumaanuu nugusotaa fi worra aangoo ol aanaa irra jiran maraaf kadhadhaa. Kun'llee Fayyisaa keenna Waaqa duranatti misha'aa fi waan nama gammachiisu. Fedhiin Waaqaa naminni marrinuu akka fayyanii fi dhugaa akka beekaniif. Waaqinni tokko, jidduu ta'ee namaa fi Waaqa ka wolitti araarssu'llee tokko, inni'llee nama ka ta'e Yesus Kristos. Namoota maraa cubbuu irraa fayyisu'uuf mataa isaa qoricha taasisee ka kenne isa, kun'llee yeroon sirrii ta'e yoo gayutti, ragummaa hujii fayyisummaa Waaqaa hubachiisu. Ani'llee amanti'ii fi dhugaa dubbachu'uuf ergama'aa fi barsiisaa ta'ee, gara ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee ka ergame sababa kanaan. Kana'llee yoo jedhu dhugaa dubbadha malee hin sobu. Eegaa bakka maraa dhiironni jiran dallanssu'uu fi wol dhaba dhabamisiisanii, harka isaanii ka Qulqullaawome qaban gara olii qabu'uun, akka kadhataniif ni barbaada. Akkuma kana dubarttoonni riffeenissa mataa isaani'ii midhaassu'uun yookiin worqqi'iin yookiin dooqaan, yookiin uffata gatiin isaa baayi'ee ta'een ufi bareechisu'uun uduu hin ta'in, saalfachu'uu fi mataa gad qabataan, uffata malu ka nama kabajama'aa haa uffatan. Waaqa ni waaqeffanna dubarttoonni jedhan bifa raawwachuun isaan irra jiru, hujii misha'aan ufi haa bareechisan. Dubarttiin tasgabbi'ii fi ajajamu'uun haa barattu, Dubarttiin dhiira akka barsiifittuu fi yookiin dhiira irratti aangoo akka qabaattuuf hin eeyyamu, isiin caldhisuu ni qabddi. Jalqaba ka uumame Addaamiin ture, maa'ii'llee Hewwaan ni uumamitte. Akkuma kana ta sobamttee fi Seera Waaqaa'llee ka diigidde dubarti'ii malee, ka sobame Addaamii miti. Garuu dubarttiin amanti'ii fi jaalalaan, Qulqullumma'aan'llee yoo jajabaattee, mataa isii'llee toowachu'uun uduu jiraattee, finna dayu'uun ni fayyiti. Naminni tokko, «Ephis qophoosota (durssitoota woldayaa amanti'ii) ta'u'uuf yoo barbaade hujii kabaja ni hawwa» jechi jedhu, dhugaalessa. Kanaaf durssaan mana amaniti'ii tokko ka ashaa hin qabnne, hadha worraa takkattii qofa ka fuudhe, hagatti ka jiraatu, mataa ufii ka toowatu, seeraan ka hojjatu, keessummaa simataa ka ta'e, barsiisu'uuf dandeettii ka qabu, ka hin machoofnne, wol mormmii ka hin jaalanne, gara laafessa, ka namaan wol hin dhabinne, ka qarshii hin jaalanne, maatii mataa isaa seeraan bulichu'uuf ka danda'u, ka ijoolleen isaa akkaa fi kabajaan ajajamaniif, ta'uu qaba. Naminni maatii mataa isaa bulichu'uuf ka hin dandeenne yoo ta'e, woldaya amanttoota Waaqaa attamitti bulichu'uuf danda'a? Ufi tuulumma'aan afuufamee akkuma sheexanni itti murtteeffame, akka itti hin murtteeffamnneef amanaan haarofinni ephis qoposiin hin ta'in. Asha'aa fi woshaadoo sheexanaa keessatti akka hin kufnnee fi namoota hin amanne biratti'llee maqaa mishaa akka qabaatu barbaachisa. Akkuma kana gargaarttonni woldaya amanti'ii worra kabajamanii fi jecha isaaniitiin'llee ka dhaabatan, daadhii wooyinni'ii baayi'ee ka hin dhuginne, qarshi'iif worra hin haafofinne ta'u qaban, akkuma kana dhossaa amanti'ii sammuu Qulqullu'uun worra eeggatan ta'uu mala, Isaan'llee durssanii haa qormaataman, achiin duubatti worra ashaa hin qabnne ta'anii yoo argaman, hujii gargaarttumma'aatiin haa tajaajilan. Akkuma kana haawotiin worraa isaanii ka bajaman, nama ka hin hamanne, hagatti ka jiraatan, waan maraanuu amanamoota ta'utu isaan irra jira. Gargaarttonni tokkoon tokkoon isaanii, abbaa worraa haadha worraa takkaa ta'uu isaan irra jira, ijoolleen isaaniitii fi maatiiwwan isaanii'llee haala misha'aan bulffachuu ni qaban. Hujii gargaarttumma'aatiin tajaajila mishaa worri keennan sadarkkaa ol aanaa ta'e ni argatan, waayee amantii Yesus Kristosiin jiruu'llee dubbachu'uuf, uggiinssa ni qabaatan. Yeroo dhiyo'otti dhufu'uuf abddii yoma taasise'llee yookiin dhufaatii irraa ka turu yoo taate, Mana Waaqa jiraata'aatii fi utubaa bu'ura dhuga'aa ka ta'e maatii Waaqaa keessatti, namoonni maal raawwachuun akka isaan irraa malu akka beekittaniif, qajeelcha kana isiniif ni barreessina. Dhossaan amantii keennaa shakkii malee ol aana'aa, inni'llee Waaqinni, «Nama ta'ee ni muldhate, dhugaa ta'uun isaa'llee hafuuraan ni beekkame, maleyikkootatti ni muldhate, ummatoota maraaf ni lallabame, namoonni biyya lafaa irra jiran marrinuu itti ni amanan, ulfinnaan gara sami'ii ol ni deebi'e» ka jedhu. Hafuurri Qulqulluun garuu ifatti akkana ni jedha, «Bara maai'ii titti namoonni tokko tokko hafuurota dogoggorssa'aa fi barsiisa jinni'ii horddofu'uun, amantii isaanii ni waakkatan.» Barsiifnni akkanaa kun ka burqqu ufi tuulumma'aan, dhara yoo dubbatan akka waan sibiila oo'ee diimateen haga waan gubamee ta'ee sammuun isaanii ka haddoodde namoota isaa hin gilndifinne irraayyi. Namoonni akkanaa jiran kunniin fuudha ni dhoogan, ka amananii fi namoonni dhugaa beekan'llee isa galateeffata'aa akka soorataniif nyaata Waaqinni isaaniif uume, «Hin nyaatnaa» jedha'aa ni dhoogan. Garuu ammoo wonitti Waaqinni uume marrinuu misha'a, galataan yoo fudhatan wonitti gatan woyiituu hin jiru. Dubbii Waaqaatii fi kadhanna'aan ka qulqullaawome ni ta'a. Barsiisa kana amantoota uduu hubachiifttee, dubbii amanti'iitii fi barsiisa mishaa horddofttu soorata'aa ka guddatte, tajaajilaa Yesus Kristosii mishaa ni taata. Waaqa waaqeffachuun ka keessa hin jirre, seenaa mammaaka biyya lafaa irraa fagaadhu, Waaqa'llee waaqeffachuu mataa kee shaakalsiis. Barsiisa jabeenna qaamaatiin ufi shaakalsiisuun faayiddaan isaa muraasa, Waaqa waaqeffachuu ufi shaakalsiisuun garuu jireenna amaatiif fi ka dhufuuf'llee abddii waan qabuuf, waan maraafuu ni fayyada. Jechi kun'llee naminni marrinuu ka fudhachuu qabu, waan dhugaalessa. Nu'u namoota maraa keessummaanuu worra amanan maraa ka fayyisuun, Waaqa jiraata'aan abddii ka taasfannu waan ta'eef huji'iin ni dadhabinna, ni woldhaana. Wonittoota kanniin ajaji, barsiis'llee, Dargaggeessa ta'uu keetiin eennu'llee si'i hin tuffatin, kana irra haasaya keetiin, jireennaan, jaalalaan, amanti'ii fi qulqullinnaan, amanttootaaf fakkeenna mishaa ta'i. Haga ani dhufutti kitaabban Qulqulluu ummataaf dubbisu'uun, lallabu'uu fi barsiisu'uun hisadhu. Wonitti Waaqinni hime yeroo siif dubbatametti jaarsonni woldaya amanti'ii'llee harka isaanii yeroo si irra kaayanitti, ka siif kenname ka si keessa jiru kennaa hafuurayaa hin dagatin. Fooyyayuu kee namoonni marrinuu akka arganiif, wonittoota kanniiniin hisadhu, wonittoota kanniin'llee hujii irra oolichu'uun, gara qabddu maraa isaaf kenni. Mataa keetii fi hujii barsiisummaa keetiitiif'llee ufi eeggadu, wonittoota kanniiniin jabaadhu, kana raawwachu'uun'llee, mataa keetii fi worra si dhageeffatan ni fayyiftta. Jaarsa akka abbaa keetii taasisii gorssiin malee itti hin baanatin, dargaggeeyyii dhiiraa akka obboleeyyan keetii titti, Jaartolee akka haawwotaa keetii taasisii isaan laali, akkuma kana dubarttoota shamarranii akka oboleetiiwwan keetii taasfttee, qulqullummaa mudaa hin qabnneen isaan laali. Dhugamaanuu dubarttoonni abbootiin worraa isaanii irraa du'an isaan kabajaa. Abbaan worraa kamuu dubarttiin abbaan worraa isi'ii irraa du'e ijoollee yookiin ijoollee ijoolle'ee yoo qabaate, ijoolleen tunniin durissanii maatii isaaniitiif ufi eeggannaa taasisuu, maatii isaaniitii fi akaakkayoota isaaniitiif harka deebisu'uuf, dirqama hafuurumma'aa haa baratan, kun'llee waan Waaqa gammachiisu. Dhugamaanuu haadha hiyyeessaa taatee adda isi'ii titti ka jiraattu, abddii isi'ii Waaqa irratti taasfattee halkanii fi guyyaa gargaarssa Waaqaa kadhachu'uun, kadhanna'aan jabaattee ni jiraatti. Haati hiyyeessaa ta gammachuu biyya lafaa kana qofa jaalattu garuu, isiin ta dhaabattatti duute. Ashaa malee akka jiraataniif'llee barnnoota kanniin isaaniif kenni. Worra isaatiif, gonkumaa maatii isaa ka dhiyo'ootiif ka hin yaanne, inni amantii isaa ka waakkate, gonkumaa woruma hin amanne caala'atti'llee hamaa hammaata'a. Woggaa jahaatamaa gad ka ta'e dubarttiin abbaan worraa irraa du'e, galmmee haadhotii hiyyeessaa irratti hin barreeffamin, akkuma kana ta abbaa worraa tokko qofatti heerumtte akka taatu barbaachisa. Akkuma kana ijoollee akka ta'utti guddisu'uun, keessummaa simachu'uun, miila worra Qulqullu'uu miicu'uun, worra rakkatan gargaaru'uu fi hujii mishaa kamiin mara hojjachu'uun, hujii mishaa ta'e maraaf'llee, ta hisattu ta'uu qabddi. Worra Abbootiin worraa isaanii irraa du'an dubarttoonni umrii isaaniitiin ufi durana hin deemin, fedhiin isaanii ka foonii isaan injifatee jaalalli Kristosiif qaban yoo dhidhate abbaa worraa titti heerumu'uuf waan barbaadaniif, isaan galmmee haawotii hiyyeessaa irratti isaan hin barreessin. Dubarttoonni tunniin jalqaba waadaa Kristosiif aseenan diiguu isaaniitiin, mataa isaanii irratti'llee murtii ni fidan. Akkuma kana hujii malee taa'uu ni baratan, hujii malee taa'uu qofa uduu hin ta'in, mana namootaa irra naanaya'aa ka nama hamatan, dhimma namaa keessa ka aseenanii fi waan dubbachuu hin qabnne ka dubbatan ni ta'an. Kanaaf haawotiin hiyyeessaa ka umrii isaaniitiin ufi durana hin deemin akka heeruman, ijoollee akka dayan, mana isaanii'llee akka ta'utti akka bulffatan ni gorssa, bifa kanaan diinni waan maqaa ittiin balleessuuf karaa ni dhaba. Asiin durana'llee dubarttoonni abbootiin worraa isaanii irraa du'e tokko tokko sheexanaa horddofu'uun, karaa amantii isaaniitii bayanii jiran. Dubarttiin amanttuu taate takka mana isi'ii titti dubarttoota abbootiin worraa isaanii irraa du'an yoo qabaatte, ba'aa woldaya amanti'ii akka isaan hin taaneef isiin isaan haa gargaarttu, bifa kanaan woldeenni amanti'ii worra gonkumaa gargaaraa hin qabnne dubarttoota abbootiin worraa isaanii irraa du'an gargaaruu ni dandeetti. Woldaya amanti'ii haalaan worra bulchan, gonkumaa lallabu'uu fi barsiisu'uun jaarsotii dadhaban kabaja'atu isaaniif mala, Kitaabnni Qulqulluun, «Qotiyyoo midhaan ayiidu afaan hin hidhin» Akkuma kana, «Hojjata'aaf mindaan ni malaan» jedha. Naminni lama yookiin sadihi yoo ragaa itti bayan malee jaarsa woldaya amanti'ii irratti dhiyaatu hin fudhatin. Kuunniin akka sodaataniif namoota cubbuu hojjatan maraa, ifatti itti baanadhu. Waan raawwattu maraanuu tokko ka bira'aatiin uduu wol hin caalichisin yookiin eennuuf'llee uduu hin dalin, gorssa kiyya kana mara akka raawwatuuf, Waaqaa fi Yesus Kristosiin maleyikkoota filataman duranatti'llee yaboo siin ni jedha. Harka kee irra kaayu'uun eennuun'llee muudu'uuf hin ariifatin, mataa kee qulqullinnaan eeggadhu malee, namoota kaanniin woliin cubbu'uun hin hirmmaatin. Waayee dhukubbisata garaa keetiitii fi waayee dhibee kee ka yeroo maraatiif daadhii woyinni'ii muraasa dhugi malee, ammaa achitti bishaan qofa hin dhugin. Cubbuun nama tokko tokkoo ifa waan ta'eef durssee murtii ni muldhisa, cubbuun namootaa kaanniinii garuu ka muldhatu tureet. Akkuma kana hujiin mishaan ifa, ka ifa hin ta'in'llee dhokatee hin hafu. Maqaan Waaqaatii fi barsiifnni isaa'llee akka hin arrabssaminneef tajaajilttoonni marrinuu bulchitoota isaanii kabajuu akka qaban, taasisanii haa yaadan. Bulchitoonni isaanii tajaajiltoota worri ta'an Gooftaa Yesusiin obboleeyyan isaanii waan ta'aniif, isaan hin tuffatin, gonkumaa tajaajila isaanii irraa worri faayiddaa argatan, bulchitoota isaanii ka amanttoota ta'anii fi obboleeyyan isaanii ka jaalataman waan ta'aniif, waan duraanii caala'atti isaan haa tajaajilan. Ati'llee barsiisu'uu fi gorssuu ka qabddu kana. Barsiisa Waaqa dhuga'aa waaqeffachu'uu woliigalaa ka ta'e, dubbii qulqulluu Goftaa keenna Yesus Kristosii dhiisee barsiisa addaa ka barsiisu naminni kum'llee yoo jiraate, ufi tuulumma'aan ka afuufamee fi womaayyuu ka hin beekinne, garuu waayee jechaa mormmu'uu fi hawwiin hamaa wocaa isa irra bulee jira, kun'llee ka itti aanssu hinaaffaa, woldhaba, arraba, shakkii hamaa, sammuun isaanii ka battaayee fi namoota dhugaan isaan jalaa badeen ka raawwatamu mormmii addaan hin cinne, namoonni akkana kunniin Waaqa waaqeffachuun isaaniif toofittaa qabeenna ittiin argatan fakkaatee, isaanitti ni muldhata. «Ka qabuu ana gaya» nama jedhuuf Waaqa waaqeffachuun faayiddaa guddaa isaaf ni argamisiisa. Nama hafuuraa ta'uu waan ittiin buufatuuf, amantiin isaaf burqqaa qabeennaati. Gara biyya lafaa kana womaayyuu qabannee hin dhufinne, biyya lafaa kana irraa'llee qabannee wonitti deeminnu woyiituu hin jiru. Waan nyaannuu fi waan uffannu yoo arganne nu gaya. Dureeyyii ta'u'uuf worri barbaadan garuu qormmaataan ni kufan, hawwii hamaa namoota faayida'aan ala taasisuu fi balleessu ka tasaatiif hammaataa ta'e, woshaadoo baayi'e'een ni qabaman. Kun'llee ka ta'u jaalalli qarshi'ii, burqaa hammeenna maraa waan ta'eef. Yaa nama Waaqaa! Ati garuu kana mara irraayyuu dheessi, qulqullummaa, nama hafuuraa ta'uu, amantii, jaalala, obissaan jajabaachuu, gara laafummaa horddof. Lola mishaa amanti'ii loli, ati gara isaa yeroo waamamittetti ragoota baayi'ee duranatti ragummaa sirri'ii ta'e ka kenniteef, jireenna bara baraa qabadhu. Waan maraafuu jireenna ka kennu Waaqaa fi Philaaxosiin pheenxanaawicha duranatti ufitti amanamummaa misha'aan ka ragaa baye, Yesus Kristosiin duratti'llee si ni ajaja. Gooftaan keenna Yesus Kristos haga guyyaa itti mulidhatuu titti ajaja kana, dogoggoraa fi ashaa malee eegi. Mulidhachuun Kristosii'llee ka eebbifamee fi adduma isaa titti bulichaa ka ta'e Ngugusa nugusotaa, Gooftaan goofttotaa guyyaa muritteessetti ni ta'a. Inni qoftti ka hin duune, eennu'llee itti dhiyaachuu ka hin danddeenne ifa keessa ni jiraata, isa gonkumaa eennu'llee hin argineen, eennu'llee isa argu'uuniif hin danda'u, ulfinnaa fi huminni bara baraa isaaf haa ta'u! Ameen. Dureeyyiin biyya lafa kanaa akka ufi hin dhaanneef yookiin abddii isaanii qabeenna amansiisaa hin ta'in irratti akka hin taasfnneef isaan ajaji, akkuma kana abddii isaaniitiin nu'llee akka gammannu, waan maraa irraa hafaa taasisee ka kennu Waaqa irratti akka ta'u isaan ajaji. Akkuma kana hujii mishaa akka hojjataniif, hujii misha'aan'llee dureeyyii akka ta'aniif, arijjoomu'uu fi waan qaban'llee qooduuf qophaayota akka ta'aniif, isaan ajaji. Bifa kanaan jireenna dhuga'aa argachu'uuf qabeenna hunddeen isaa jabaa ta'e, bara dhufutti mataa isaaniitiif ni kuufatan. Yaa Ximotewos! Yabo'oon waan sitti kenname eegi, beekkomissa uduu hin ta'in, «Beekkomissa» waan fakkaatu, woca tasaa irraa'llee fagaadhu. Tokko tokko beekkomissa akkanaa kana ni qabnna jechu'uun, karaa amanti'iitii bayanii jiran. Kennaan Waaqaa ka bilisaa isin woliin haa ta'u. Yesus Kristosiin akkaataa abddii jireenna argameetiin, fedhii Waaqaatiin barataa Yesus Kristosii ka ta'e Phaawulosiin irraa ka ergame, Ilima kiyya ka jaalatame Ximotewosiif, Waaqa Abbaa Gooftaa keenna Yesus Kristosiin biraa'llee, kennaan isaa ka bilisaa, dhiifamaa fi nageenni'llee si'iif haa ta'u. Yeroo maraa halkanii fi guyyaa kadhanna'aan yoo si yaadadhu, akkuma abbootiin kiyya raawwatanitti ani'llee sammuu Qulqullu'uun Waaqa tajaajilu ni galateeffadha. Imimmaan kee ni yaadadha, kanaaf haalaan akka gammadu si argu'uuf ni hawwa. Amantiin dhuga'aa ka si keessa jiru ni yaadadha, amantiin akkana kun jalqaba akkaakayyuu kee Lo'isii fi haadha tee Ewuniiqee keessa ka ture, si keessa'llee akka jiru hubadhee jira. Sababaa kanaan harka kiyya si irra yeroo kaayetti ka siif kennamee fi akka ibiddaa ta'ee ka si keessa jiru kennaa Waaqaa, deebitee akka qabsiifttuuf si ni yaadachiisa. Waaqinni ka nuuf kenne hafuura huminnaa fi jaalalaa, mataa keenna'llee ka ittiin toowannu malee, hafuura soda'aatii miti. Egaa waayee Gooftaa keennaa ragaa bayu'uuf hin saalifatin, waayee isaatiif ka itti hidhame anatti'llee hin saalfatin, garuu huminna Waaqinni siif kennuun, anaan woliin rakkinna fudhadhu. Inni waayee hujii mishaa nu'u raawwanneetiif uduu hin ta'in, fedhii mataa isaatii fi kennaa isaa ka bilisaatiin nu ni fayyise, Qulqulluumma'aaf'llee nu ni waame, kennaa isaa ka bilisaa kana'llee barootaan duranatti karaa Yesus Kristositiin, nuuf ni kenne. Kennaan bilisaa kun'llee fayyisaan keenna Yesus Kristosii dhufuu isaatiin, amma ni muldhate. Inni'llee huminna du'aa dhabamisiisee karaa wongeelaatiin duuti ka keessa hin jirre, jireenna bara baraa nu'utti ni muldhise. Ani'llee dubbataan wongeela kanaa, ergama'aa fi barsiisaa ta'ee muudamee jira. Rakkinna kana ka fudhadhuuf'llee waayee kanaan, garuu eennuun akka amane waan beekuuf itti hin saalifadhu, yaboo natti kenname'llee haga guyyaa sanii titti, eegu'uuf akka danda'u hubadhee jira. Dubbii amanisiisaa ana irraa baratte akka fakkeennaa taasfttee, Yesus Kristosiin amantii fi jaalala qabnnu eegi. Nu keessa ka jiraatu karaa Hafuura Qulqulluutiin, yaboo mishaa sitti kenname eegi. Worri Asiyaa jiran marrinuu ana dhiisanii akka deeman ni beekitta, isaan keessaa'llee Fiigelosii fi Hermogenesis keessatti ni argaman. Gooftaan maatii Oneesiforsiitiif dhiifama haa kennu, inni yeroo baayi'ee ana jajabeessee jira, hidhamuu kiyyatti'llee hin saalifanne. Gonkumaa gara Roomaa yeroo dhufetti hisataan barbaadee ana argatee jira, Guyyaa muumme'ee titti Gooftaan dhiifama isaaf haa kennu! Efesooniin yeroo jirutti hagam akka ana tajaajile ati mataan keetuu midhaastee ni beekitta. Eegaa yaa ilma kiyya! Kennaa isaa ka bilisaa ka Yesus Kristosiin argamuun jabaadhu. Ragoota baayi'ee duranatti barsiisa ana irraa baratte kaanniin barsiisu'uuf, dandeettii worra qabanii fi namoota amanamaniif yaboo kenni. Ati'llee lolttuu Yesus Kristosii mishaa ta'u'uun anaan woliin rakkinna fudhadhu. Loltumma'aan naminni tajaajilu ajajaa isaa ka woraanaa gammachiisu'uuf qophaayaa ta'uu qaba malee, dhimma lolttummaa hin ta'in irra hin oolu. Akkuma kana naminni fiigichaan dorgomu akkaata seeratiin yoo dorgomuu dhabaate, kennaa gonfaan injifanno'oo hin argatu. Qotee bulaan huji'iin dadhabu firii hujii isaa irraa argamu, ka jalqabaa argachuu ni qaba. Gooftaan waan maraanuu hubannaa waan siif kennuuf, waan ani jedhu hubadhuutii yaadi. Ka du'aa ka'ee fi fiixaa Daawiitii ka ta'e Yesus Kristosiin yaadadhu, wongeelli ani lallabu'llee kana. Waayema wongeela kanaatiin'llee akka yakkamaa titti birbiraataan hidhamee rakkinna ni fudhadha, dubbiin Waaqaa garuu hin hidhamu. Kanaaf isaan'llee karaa Yesus Kristositiin fayyinniissa argamuu fi ulfinna bara baraa akka argataniif, namoota Waaqinni isaan filateef jecha waan maraa ni obissa. Jechi jedhu ka amaname, «Isaan woliin yoo duune, isa woliin ammoo lubbu'uun ni jiraanna. Obissaan dhaabannee yoo argaminne, isaan woliin ni moona yoo waakkanneen inni'llee, ammoo nu ni waakkata. Nu'u amanamoota yoo ta'uu dhabaanne, inni garuu mataa isaa waan hin waakkaneef, yeroo maraa amanamaa ta'ee in jiraata,» Waan kana isaan hubachiis, waayee jechootaatiin akka wol hin mormmineef'llee Gooftaa duranatti isaan ufi eeggachiis, mormmiin jechaa kun'llee namoota dhagayan ni balleessa malee, womaafuu hin fayyadu. Dubbii dhuga'aa qajeelatti akka gayuu fi hujii isaatiin'llee akka hojjataa hin saaliffachiifnne ta'ii, mataa kee Waaqa duranatti dhiyeessu'uu fi fudhatama'llee argachu'uuf, yaalii taasisi. Woca biyya lafaa ka tasa ta'ee irraa'llee fagaadhu, wocinni akkanaa kun namoota caala'atti Waaqa irraa akka fagaatan isaan ni taasisa, haasofnni isaanii akka madaa hin fayyinee keessa ni baldhisa, isaan keessaa'llee Himnewosii fi Filexoos ni argaman. Namoonni kunniin, «Du'aa ka'iinssi worra du'anii duraan ta'ee jira» jedha'aa mormmuu isaaniitiin dhugaa irraa fagaatanii jiran, amantiin namoota tokko tokkoo'llee ni raasan. Garuu, «Gooftaan worra ka isaa ta'an ni beeka» akkuma kana, «Ka maqaa Goofta'aa waamu marrinuu hamaa irraa haa fagaatu!» chaaphaan jedhu ka irraa jiru, ka hin sochoone hundeen Waaqaa jabaatee ni jiraata. Mana guddaa keessa woriqqi'ii fi meetaa irraa meeshaawwan hojjataman qofa uduu hin ta'in, mukaa fi faaraa irraa meeshaawwan hojjataman'llee ni argaman, isaan keessaa'llee tokko tokko tajaajila ulfinnaatiif, kuunniin'llee tajaajila ulfinna hin qabnneef ni oolan. Kanniin wonittoota ulfinna hin qabnne irraa fooyamee qulqulluu ta'ee naminni jiraatu, akka meeshaa tajaajila kabajameef ooluu ni ta'a, tajaajila mishaa kamiifuu ka qophaaye, Goofta'aaf ka qulqullaawome fayyadaa itti fayyadamaati. Hawwii hamaa dargaggumma'aa jalaa dheessi, onnee Qulqullu'uun namoota Gooftaa waamataniin woliin ta'iitii qulqullummaa, amantii, jaalalaa fi nagaya horddof. Wol dhabbii akka fidu beekittee wol mormmii gowumma'aatii fi woca tasaa irraa fagaadhu. Tajaajilaa Gooftaa Yesusii naminni ta'e mara biratti gara laafessa, ka danddeettii barsiisu'uu qabuu fi obissaa ta'uu qaba malee, wol dhabuu hin qabu. Inni namoota wol dhaban gara laafumma'aan ka sirreessu ta'uu qaba, yookiin dhugaa akka beekaniif Waaqinni carraa dhiifamaan gara isaa deebi'u'uu isaanii ni kenna ta'a. Bifa kanaan gara qalbbii isaanii deebi'anii fedhii sheexanni akka raawwatan, woshaadoo isaan qabe keessaa ni bayan. Guyyoota muummee titti yeroon sarddamissiisu akka dhufu beeki, Namoonni mataa isaanii ka jaalatan, qarshi'iif ka haafayan, ufi dhaaddota, ufi tuultota, worra nama arrabissan, maatii isaaniitiif ka hin ajajaminne, galata dhabeeyyii, qulqullummaa ka hin qabnne, jaalala ka hin qabnne, dhiifama worra hin taasfnne, maqaa namaa worra balleessan, mataa isaanii ka hin toowanne, gara jabeeyyii, waan mishaa ta'e ka jibban, ganttoota, ufi eeggannaa ka hin qabnne, ufi tuulummaan ka afuufaman, Waaqa jaalachuu irra gammachuu foonii isaanii ka jaalatan ni ta'an. Waaqa ka waaqeffatan fakkaatanii ni muldhatan, huminna waaqeffanna'aa garuu ni waakkatan, namoota akkana jiran irraa fagaadhu. Namoonni kunniin gara mana maraa huluuqanii aseenu'uun, dubarttoota cubbuun baayi'een isaan irratti tuulameef, hawwii adda addaatiin worra eemaraman, dubarttoota hafuuraan dadhabddootaa ta'an, akka namoota isaan qabaniiti. Dubarttoonni akkanaa kunniin yeroo maraa ni baratan, garuu dhugaa gara beeku'uu gayu'uuf hin danda'an. Yaaneesii fi Yaambres akkuma Muse'een mormmanitti namoonni kunniin sammuun isaanii worra badee fi waayee amanti'iitiin'llee worra kufaatiin isaan irra gaye waan ta'aniif, dhugaa ni mormman. Gowwummaan Yaaneesii fi Yaambresii akkuma muldhatetti gowwummaan namoota kanniinii'llee, nama mara duranatti waan muldhatuuf isaanii hin mijaayu. Ati garuu barsiisa kiyya, akkaataa jireenna kiyyaa, kaayyoo kiyya, amantii kiyya, obissa kiyya, jaalala kiyyaa fi waan qabadheen jajabaachuu kiyya horddof, akkuma kana ari'atama kiyyaa fi rakkinna kiyya ni beekitta, Anxokiya'aa fi Iqoniiyumi, Lisxira'aatti'llee waan ana irra gayee fi obissaan ari'atama fudhadhe'llee ni beekitta, Gooftaan garuu mara jalaayyuu ana ni fayyise. Worra gosa Yesus Kristosiin ta'anii jireenna hafuuraa jiraachuu worri barbaadan marinuu, ari'ataminni isaan irra ni gaya. Garuu namoonni hamaaleyyi'ii fi fakkeesitoonni garuu, namoota dogoggorssa'aatii fi mataa isaanii'llee dogoggorssa'aa, hamaa irratti hammeenna dabala'aa ni deeman, Ati garuu ka baratte eennuun irraa akka ta'e waan beekittuuf, ka barattee fi dhugaa hubatteen'llee jabaadhu. Akkuma kana ijoollummaa keetii jala qabddee Yesus Kristostti amanu'uun, barsiisa fayyinni ittiin argamu ka siif kennan kitaabban Qulqulluu ta'an beekittee jirta. Kitaabnni Qulqulluun marrinuu eemarittii Hafuura Waaqaatiin ka barreeffame, isaan dhugaa barsiisu'uuf, worra dogoggoran itti baanachu'uuf, dogoggora sirreessu'uu fi eemarittii jireenna sirrii ta'eef tolu kennu'uuf ni fayyada. Ka fayyadu'llee naminni Waaqaa muda maleessa akka ta'uu fi hujii mishaa kamiinuu hojjachu'uuf, gayaa ta'ee akka argamuuf. Waaqaa fi akkuma kanaan'llee Mootummaa isaa yeroo dhaabanitti, jiraattotaa fi worra du'oota irratti ka murtteessu, Yesus Kristosiin duranatti yaboo siin ni jedha, dubbii Waaqaa lallabi, yoo tolee fi toluu yoo dhabaate'llee yeroo kamittuu hisadhuutii hojjadhu, hubachiisa'aa, itti baanata'aatii fi gorssa'aa, obissaa fi barsiisu'uun hisadhu. Namoonni barsiisa jireenni ittiin argamu dhagayu'uuf yeroon itti hin barbaadnnetti ni dhufa, barsiisota waan isaan jaalatan isaanitti himan wolitti ni qaban. Kanaaf dhugaa dhagayuu dhiisanii mammaaka dhagayuu ni jaalatan. Ati garuu waan maraanuu ufi eeggataa ta'i, rakkinna fudhachu'uun jabaadhu, hujii lallabduummaa wongeela raawwadhu, tajaajila kee'llee maraa raawwadhu. Ain garuu kitimaa ta'u'uuf dhiyaadhee jira, biyya lafaa kana irraa fooyamee yeroon itti deemu'llee gayee jira. Lola kiyya haala misha'aan lolee jira, woldurssoo fiigicha kiyyaa'llee haga muummee titti fiigee jira, amantii kiyya'llee eegee jira. Ammaa achitti gonfanni qulqullumma'aa qophaayee ana ni eeggata, gonfaa kana'llee Gooftaan murtii sirri'ii murtteessaa ta'e sun guyyaa sanitti naaf ni kenna, ka kennu'llee ana qofaaf uduu hin ta'in, muldhachuu isaa worra jaalatan maraaf. Dadafaan gara kiyya akka dhufittu haa ta'u, Deemaas biyya lafaa kana jaalatee ana irraa fooyamee jira, gara Tasaloonqee'llee deemee jira, Qeersqiis gara Galaatiya'aa, Tiitoos'llee gara Dilmaaxiyaa deemanii jiran. Ana woliin ka jiru Luqaasiin qofa, Maarqoos tajaajilaaf waan ana fayyaduuf, barbaadii qabiinii koottu. Xikiqoosin gara Efesoonii ergeenii jira. Yoo dhufttutti Xro'aas kaarpustti kaabbaa dhiise naaf qabiitii koottu, kitaabban'llee, keessanuu kitaabban maramaa kaldho'oo'llee naa fidi. Tumitichi sibiila diima'aa Iskindir miidhaa guddaa ana irraan ni gaye, Gooftaan akka hujii isaa isaaf ni kafala. Inni'llee waan nu dubbannu ciminnaan waan mormmuuf, ati mataan keetuu isa irraa ufi eeggadhu. Waayee waan ittiin himatameetiif ragaa ittisaa kiyya ka jalqabaa yeroo dhiyeeffadhetti, marrinuu ana fooyaman malee, ana woliin ta'ee ka ana gargaare eennu'llee hin turre, Waan kana'llee Waaqinni akka balleessa'aa taasisee isaanitti hin lakkaayin. Garuu ergaan karaa kiyyaan marrinuu akka himamuu fi ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne marrinuu akka dhagayaniif, Gooftaan ana woliin ta'ee ana ni jajabeesse, afaan leenccaatii'llee fayyee jira. Gooftaan waan hamaa kamiin mara irraayyuu ana ni fayyisa, Mootummaa isaa ka samii jirttuun'llee ana ni gaya, isaaf baraa haga baaraa titti ulfinni haa ta'u! Ameen. Phrisqiila'aa fi Aqiila'aa, maatii Oneesiforsiitiif'llee, nagaya naaf dhiyeessi. Erasxos Qorontoositti hafee jira, Xrofimoos waan dhukkubsateef Miilexoostti dhiiseenii jira. Jiin gannaa uduu hin aseeniin gara kiyya akka dhufttu haa ta'u. Ewuubuloos, Phudenis, Liinosii, Qlaawudiiya'aa fi amanttoonni marri'llee nagaya siif ni dhiyeessan. Gooftaan si'iin woliin haa ta'u. Kennaan Waaqaa ka bilisaa si woliin haa ta'u. Tajaajilaa Waaqaatii fi barataa Yesus Kristosii ka ta'e, namoota Waaqinni isaan filate jabeessu'uu fi amanitii isaanii'llee guutumaa guutu'utti akka beekan isaan taasisu'uuf, ka muudame Phaawulosiin irraa ka ergame, Amantiin kun'llee abddii dubbii jireenna bara baraa irratti ka hunddaaye, Waaqinni hin sobinne jireenna kana kennu'uuf barootaan duranatti, waadaa nuuf ni aseene. Barichi yeroo gayetti'llee ajaja Fayyisaa keenna Waaqaatiin ani akka lallabuuf karaa yaboo natti kennameetiin, Waaqinni dubbii isaa ni muldhise. Amantii wolitti qabnnuun dhugamaan ilma kiyya ka taate Tiitosiif, Waaqa Abba'aa fi Fayyisaa keenna Yesus Kristosiin irraa, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni siif haa ta'u. Si'i Qarxeestti sababaan dhiiseef waan hin sirraayin akka sirreestuu fi akkaatama si ajajeetiin'llee jaarsotii woldaya amanti'ii, magaalota marattuu akka muuduuf. Jaarssi woldaya amanti'ii ka hin ashamnee fi abbaa worraa haadha worraa takkati'ii ka ta'e, gad dhiifamaa ta'u'uu fi ajajamuu dhabu'uun ka hin gilndifaminne ijoollee amantoota ta'an nama qabu ta'uun ni mala. Ephiis Qophoos (itti gaafatamaa woldaya amanti'ii) ka hujii Waaqaa yabo'oon ka fudhate waan ta'eef ka hin ashaminne ta'uu ni qaba, akkuma kana ka hin boonne, dadafaan ka hin dallanne, ka hin machoofnne, namaan wol dhabaa ka hin ta'in, qarshi'iif ka hin haafofnne ta'uu qaba. Kana irra keessummaa ka simatu, waan mishaa ta'e ka jaalatu, mataa isaa ka toowatu sirrii ka ta'e, tajaajila Waaqaatiif ka fooyame, ka hagatti jiraatu haa ta'u. Barsiisa dhuga'aa barsiisu'uuf, gorssu'uu fi worra Mormmitoota ta'aniif deebii kennu'uuf akka danda'u, akkaataa barateen dubbii amansiisa'aan haa jabaatu. Namoonni baayi'een, gonkumaa gara Yihudotaatii ka ta'an, seera gadoomaa worri horddofan, ka hin ajajaminne, tasaan ka wocanii fi ka nama sossoban'llee ni jiran. Namoota kanniin cadhisiisuun ni barbaachisa, isaan bu'aa saalfachiisu argachu'uuf waan hin malle barsiisa'aa, maatiiwwan maraa ni raasan. Isaan keessaa tokko ka ta'e nabiyyichi mataa isaanii, «Namoonni Qarxeesii yeroo maraa sobddoota, bineensota hamaa, ka hujii hin qabnne worra garaa jaalatu» jedhee jira. Ragummaan kun'llee dhuga'a, kanaaf amantii guutuu akka qabaattaniif, namoota kanniintti baanadhu. Mammaakissa Yihudotaa akka hin horddofinnee fi ajaja namoota dhuga'aan mormmanii akka hin horddofinneef, ciminnaan isaanitti baanadhu. Qulqullootaaf wonitti marrinuu Qulqullu'u, battiiwwanii fi namoota hin amanneef garuu qulqulluu ka ta'e womaayyuu hin jiru, gonkumaa sammuun isaanii ta'ee yaadinni isaanii'llee ka battaaye. «Waaqa ni beekinna» jedhan, hujii isaaniitiin garuu ni waakkataniin, isaan jibbisiiftotaa fi hujii mishaa raawwachu'uuf worra hin dandeenne. Ati garuu barsiisa jireenni ittiin argamu barsiis, umri'iin ka ufi durana deeman worri dhiiraa ka hagatti jiraatan, ulfinna isaanii worra eegan, ufi eeggatoota, amanti'ii fi jaalalaan obissaan'llee fayyaaleyyii akka ta'aniif isaan gorssi. Akkuma kanaan'llee umri'iin ufi durana dubarttoonni deeman, amala isaaniitiin worra ka kabajaman akka ta'aniif malee hamattootaa fi worra araada dhugaati'ii qaban akka hin taanee fi barsiisicha mishaa ta'e akka barsiisaniif, isaan gorssi. Akkuma kana dubarttoonni dargaggoonni abbootii worraa isaaniitii fi ijoollee isaanii akka jaalatan, ufi eeggattootaa fi qulqullaawomota, mishaawwan abbootii worraa isaaniitiif'llee ka ajajaman akka ta'aniif, isaan haa barsiisan. Kana'llee ka raawwataniif dubbiin Waaqaa akka hin ashaminneef. Akkuma kana gayeeyyiin worra mataa isaanii toowachu'uun akka jiraataniif isaan gorssi. Ati'llee waan mishaa ta'e raawwata'aa waan maraanuu fakkeenna isaaniif ta'i, dhugummaa barsiisa keetiitiin'llee, atoomessa ta'uu kee muldhisi, haasaya kee fayyaalessaa hin ashaminneen isaaniif ibisi, bifa kanaan mormmitoonni waan nu irratti dubbatan hamaa yoo dhaban, ni saalifatan. Tajaajilttoonni'llee bulchitoota isaaniitiif akka ajajaman, waan maraanuu akka isaan gammachiisan, jecha haamaa akka isaanii hin deebifnneef, qarshii isaanii'llee akka isaan jalaa hin hanneef isaan gorssi, kana irra barsiifnni Faayyisaa keenna Waaqaa, waan maraanuu akka kabajamu, yeroo maraa amanamummaa dhuga'aa haa muldhisan. Waaqinni nama ka ittiin fayyisu kennaa isaa ka bilisaa nama maraafuu ibisee jira, Kennaan bilisaa kun'llee waakki'ii fi hawwii foonayaa dhiisu'uun mataa ufii toowachu'uun, qajeelumaa fi nama hafuuraa ta'u'uun biyya lafaa kana irra akka jiraannu nu barsiisa. Bifa kanaan abddii keenna ka eebbifame akkuma kana ka Waaqa kenna ol aana'aa, ulfinna fayyisaa keenna Yesus Kristosii muldhachuu isaa ni eegganna. Kristos hammeennumaa mara irraa nu fayyisu'uu fi hujii mishaa hojjachu'uuf hisattootaa fi ummata qulqulluu isaaf adda baye akka taanu, nu qulqulleessu'uuf waayee keennaaf mataa isaa dabarssee ni kenne. Eegaa wonittoota kanniin barsiis, aangoo guutu'uun'llee gorssi, itti baanadhu'lle'e, eennu'llee si hin tuffatin. Namoonni marrinuu bulchitootaa fi namoota aangoo qabaniif mataa gad qabataan akka ajajaman, hujii mishaa mara hojjachu'uuf qophaayota akka ta'an, eennuun irratti'llee waan hamaa akka hin dubbanneef isaan yaadachiisi, kana irra namaan woliin ka wol hin dhabinnee fi gara laafeyyii, mataa gad qabata mudaa hin qabnne, nama maratti ka mulidhisan haa ta'an, nu'llee asiin durana gowwoota, ka hin ajajaminne diddoota, karaa keenna ka dogoggore seera dabartoota, kajeellaa adda addaa ka fooniitiif gammachuu foonaya'aaf ka bitamnne, dabaa fi hinaaffa'aan ka jiraannu, ka jibbamnnee fi ufii keennaa'llee ka wol jibbinu turre. Garuu qoricha keenna ka ta'e mishummaan Waaqa keennaatii fi jaalalli isaa ka itti guute gara laafnni isaa yeroo muldhatetti, hujii nu'u hojjanne ka qullumma'aatiin uduu hin ta'in inni mataan isaa dhiifama isaatiin nu ni fayyise, ka nu fayyise'llee miicata dhalachuu haarawaatii fi haareffama karaa Hafuura Qulqullu'uutiin argameen. Waaqinni arjoomummaa isaatiin karaa Fayyisaa keenna Yesus Kristositiin, Hafuura isaa baayi'nnaan nuuf ni jisse. Kana'llee ka taasise kennaa isaa ka bilisaatiin qulqullaawomnnee abddi'iin ka eeggannu, jireenna bara baraa akka dhaalluuf. Kun jecha amaname. Waaqatti namoonni amanan hujii misha'aaf akka hisatan, kana maraa ciminnaan akka hubachiifttu ni barbaada, wonitti kun'llee misha'aa fi tokkoo tokkoo namaatiifuu fayyada'a. Garuu mormmii gowwootaa, laakkofssa hidda dhalootaa, wolitti woca, woldhabiinssa waayee Seeraatiin ka'u irraa fagaadhu, wonittoonni kunniin ka faayiddaa hin qabnnee fi bu'aa dhabeeyyi'i. Gargar bayiissa nama fidu yeroo tokko yookiin yeroo lama eega gorssiteeniin duubatti, isa irraa fagaadhu. Naminni akkanaa kun daba'aa fi cubbama'a, inni'llee ka mataa isaa irratti murtteesse ta'uu beeki. Arixeemaasiin yookiin Xikiqoosiin gara kee yeroo ergutti ati gara Niqoophilyoon gara kiyya dhufu'uuf ariifadhu, ani'llee ji'a gannaa achumatti dabarssu'uuf murtteessee jira. Seera beekaa ka ta'e Zeenaasii fi Apholos adeemissa isaanii akka jala qaban isaan taasis, waan isaan barbaachisu maraanuu isaan gargaar. Namoonni keenna'llee ammoo firii malee akka hin hafinnee fi rakkinna jireenna salphisuu akka danda'aniif, hujii mishaa hojjachuu haa baratan. Ana woliin worri jiran marrinuu nagaya siif ni dhiyeessan, amanti'iin nu'u woliin qoodamtoota worra ta'an waahelloota keenna maraaf, nagaya nuuf dhiyeessi. Kennaan Waaqaa ka bilisaa isin mara woliinuu haa ta'u. Waayee Yesus Kristositiif hidhamaa ka ta'e ana Phaawulosii fi obboleessa keenna Ximotewosiin irraa, Ka jaalatame obboleessa keennaa fi waahela hujii keennaa ka ta'e Filemona'aaf, obboleettii teenna Aaphifiiya'aaf, nu'uun woliin'llee lolttuu Kristosii ka ta'e Arkiphosiif, akkuma kana amanttoota mana keetitti wol gayaniif'llee, Abbaa keenna Waaqa, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin biraa'llee, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u. Kadhannaa kiyyaan si yaadata'aa yeroo mara Waaqa kiyya ni galateeffadha, amantii Gooftaa Yesusiin qabdduu fi jaalala amanttootaaf'llee qabddu dhagayee jira, ka Kristosii ta'uu keennaan wonitti qabnnu mishaan marrinuu ifatti akka beekkamuuf, amantii kee kaanniiniif qoodu'uuf akka hisattu ni kadhadha. Yaa obboleessa kiyya! Waayee keetiin onneen amanttootaa waan haareffameef, gammachuu ol aana'aa fi jajabeenna'llee naaf kennee jira. Kanaaf hujii kee raawwadhu jedhee si ajaju'uuf, Kristosiin uggiinsa ni qaba, Ta'u'llee akkas taasisuu irra waayee Yesus Kristositiif hidhamaa ka ta'e, ani jaarssi Phaawulos, jaalalaan kadhachu'uuf ni filadha. Ani mana hidha'aa uduu jiru waayee Oneesimosii ilma kiyya ta'eetiif, si ni kadhadha. Oneesimos asiin durana si hin fayyaduuyyu ture, amma garuu si'ii fi ta'ee ananaaf'llee fayyada'a. Kunoo isaa gara kee deebisee ergeen, isa gara kee yoo erguun'llee onnee mataa kiyyaa akka waan ergee taasisee ni laakkaya. Waayee wongeelaatiin asitti hidhamee yoo jiru bakka kee bu'ee akka ana tajaajiluuf, inni ana woliin uduu ta'ee jiraateetii ni gammada ture, garuu hujiin mishaan kee dirqamaan uduu hin ta'in jaalalaan akka ta'uuf jedhee, si'i uduu hin eeyyamssiisin womaayuu raawwachu'uuf hin barbaadu. Oneesimos haga ammaa yeroo muraasaaf sirraa ka fooyame yookiin asii achitti yeroo maraa si'iin woliin akka jiraachu'uuf ta'a. Ammaa achitti si'iin woliin ka jiraattu'llee akka garbichaa titti uduu hin ta'in, ka garbicha caalu ta'ee akka obboleessa jalatama'aa ta'eeti, inni anaaf obboleessa jaalatama'a, haa ta'u malee foonii inni tajaajila isaatiin waan si fayyaduu fi hafuura isaatiin ammoo Kristosiin obboleessa kee waan ta'eef, si'iif caala'atti jaalatama'a. Eegaa ana akka obboleessa keetii taasfttee yoo ana laakkoftte, akkuma kiyya taasisiitii simadhuun. Miidhaan inni sirraan gaye yoo jiraate yookiin liqaan itti yoo jiraate, liqaa isaa ana irratti herreegi. Kunoo ani Phaawulos «Liqaa isaa siif ni kafala» jedhee harkuma kiyyaan barreessee ni mirkaneessa, ta'u'llee waayee lubbuu keetiitiif ati mataan keetuu, nama liqaan kiyya jiru ta'uu kee ani si yaadachiisuu ana hin barbaachisu. Eegaa yaa obboleessa kiyya! Waan mishaa kana akka naaf raawwattu maqaa Goofta'aatiin si ni kadhadha, yabo'oo onnee tiyya Kristosiin naaf haarawoomiessi. Kana ka si barreesseef akka naaf ajajamttu amanu'uun, ka ani si gaafadhuu olitti, akka raawwattu ni beeka. Achiin'llee Waaqinni kadhannaa keessan dhagayee gara keessan akka dhufu akka naaf taasisu abddii waan qabuuf, mana itti boqadhu naaf qopheessi. Waayee Yesus Kristositiin ana woliin ka hidhame Ephaafraas nagaya si ni dhiyeessa. Akkuma kana Maarqoosiin waahellan hujii kiyyaa ka ta'an Maarqoos, Arisxaarkos, Deemaasii fi Luqaas nagaya si ni dhiyeessan. Kennaan bilisaa ka Gooftaa Yesus Kristosii isin woliin haa ta'u. Waaqinni baroota duraanii titti karaa adda addaatiin, karaa nabiyyootaatiin abbootii teennatti yeroo baayi'ee dubbatee jira ture, amma garuu baroota maa'ii kanniintti waan maraa dhaaltota ka isa taasise karaa Ilma isaatiin nutti ni dubbate, biyya lafaa mara'llee ka uume isaan. Inni calaqisiinssa ulfinna ifa Waaqaati, Inni amala isaatiin Waaqaan woliin dhugamaanuu sirri'i. Dubbii isaa huminna qabeessaan biyya lafaa mara irkisee qabee jira, namoota'llee cubbuu irraa eega qulqulleesseen duubatti, sami'itti mirga Waaqa Ol Aana'aatiin taa'ee jira. Maqaan isaaf kenname maqaa maleyikkoota maraatii olii waan ta'eef, Ilmi Waaqaa maleyikkoota irra haalaan ka caalee jiru. Waaqinni gonkumaa maleyikkoota jiddu'uu, «Ati Ilma kiyya, adha si uumadhee jira», yookiin, «Ani Abbaa isaaf ni ta'a, inni'llee ilma kiyya ni ta'a» ka jedhe, eennuun? Waaqinni Ilma isaa ka hangafaa gara biyya lafaa yeroo ergetti, «Maleeyikkoonni Waaqaa marinuu haa sagadaniif» jedha. Waayee maleyikkoota isaa garuu, «Maleyikkoota isaa hafuurota, tajaajilttoota isaa'llee arraba ibiddaa ni taasisa» jedha. Waayee Ilma isaa garuu, Yaa Waaqa! teessoon kee bara baraa haga baraa titti ni jiraata, Mootummaa kee'llee qajeelatti ni bulchita, Qulqullaawoma ni jaalatte, daba'llee ni jibbite, Sababaa kanaan'llee Waaqinni Gooftaan kee si ni filate, waahelloota kee caala'atti'llee, dhadhaa gammachuu si kennuun si ni dibe jedha. Akkuma kana, «Yaa Gooftaa! Ati jalqaba arddii ni hundeeste, samiiwwan hujii harka keetiiti, Isaan marrinuu ni badan, ati garuu ni jiraatta, isaan marrinuu akka uffataa titti ni moofan. Akka waan marataa titti'llee isaan ni martta, isaan'llee akka uffataa titti ni jijjiiraman. Ati garuu yeroo maraa sanuma, barri kee'llee muummee hin qabu» jedha. Waaqinni maleyikkoota isaa jiddu'uu, «Diinota kee aangoo keetiin jala, haga siif taasisutti, mirga kiyyaan taa'i» ka jedhe eennuun? Eeegaa, maleyikkoonni marrinuu namoota fayyisan tajaajiluuf ka ergaman, tajaajilttoota Waaqaa ka ta'an hafuurotaa miti moo? Kanaaf waan dhageenne irraa mucucaannee akka hin kufnneef waayee waan dhageenneetiif, haalaan ufi eeggachuu qabnna. Dubbiin karaa maleyikkootaatiin dubbatame dhugaalessa ta'ee jira, dubbii kana ka irra dabrruu fi dubbii kanaaf'llee ka hin ajajaminne, adabbii sirrii ta'e ni fudhata, Eegaa nu'u fayyinna ol aanaa kana shilla ka jennu yoo taane attamitti jalaa baana ree? Fayyinna kana'llee jalqaba ka dubbate Gooftaa mataa isaati, isa irraa namoonni dhagayan'llee, kanuma nuuf mirkaneessanii jiran. Waaqinni ammoo malikatoota, wonittoota maalale'ee, baasota adda addaa taasisu'uu fi kennaawwan Hafuura Qulqullu'uu ka akka fedhii isaa karaa isaatiin qoodamaniitiin, ragummaa isaanii mirkaneessee jira. Waaqinni ufi durana waan dhufu kana ka irratti dubbata'aa jirru biyya lafaa, maleyikkootaaf hin bitamisiifnne, gonkumaa kitaabban Qulqulluu keessa bakka tokkotti, akkana jedhamee jira, «Ati isa akka yaadattuuf ilmi namaa maali'i? isaaniif'llee ufi eeggannaa akka taasfttuuf ilmi namaa maali'i? Haguma muraasaatiif maleyikkoota irra ni diqqeesiteen, gonfata ulfinnaatii fi galataa mataa isaa irra ni keetteef, hujii harka keetii irratti ni muuddeen, Waan maraa aangoo isaa jala ni taasftteef. Waan maraa aangoo isaa jala yoo taasisuuf wonitti hanbise tokko'llee hin jiru. Garuu amma akkuma jiru wonitti marrinuu aangoo isaa jala akka ta'e amma'llee nu'u hin argine. Amma garuu maleyikkoota irra muraasaaf gad bu'ee ka ture, sababa rakkinna du'aa fudhachu'uutiin gonfata ulfinnaatii fi galataa ka mataa irra kaayate Yesusiin ni argina, inni'llee kennaa Waaqaa ka bilisaatiin waayee mara keennaatiif du'ee jira. Wonitti marrinuu isaa fi isaan ka uumame Waaqaan ijoollee baayi'ee gara ulfinnaa titti isaan fidu'uuf, durssaa fayyinna isaanii Yesusiin rakkinnaan muda maleessa akka ta'u, akka isa taasisuuf ni maleen.» Namoota qulqullaayomota ka taasisuu fi namoonni isaan qulqullaawota ta'an'llee ijoollee abbaa tokkooti, waayee kanaan Yesus isa «Obboleeyyan kiyya» jedhee, waamu'uuf hin saalfatu. Kanaaf'llee Kitaabban Qulqulluu keessatti, «Maqaa kee obboleeyyan tiyyatti ni hima, woldaya amanti'ii jiddu'utti'llee faaru'uun si ni galateeffadha» jedha. Akkuma kanaan'llee, «Amantii kiyya isa irratti ni gatadha» jedha, deebi'ee'llee, «Kunoo anii fi ijoolleen Waaqinni naaf kenne asi jirra» jedha. Kanaaf ijoolleen tunniin dhiigaa fi foon namoota qaban waan ta'aniif, Yesus'llee akkuma isaanii nama ni ta'e, kana ka raawwateef'llee karaa du'a isaatiin du'a irratti aangoo ka qabu sheexana balleessu'uuf, akkuma kana waayee du'a sodaachu'uutiin, umrii isaanii guutuu garbumma'aan ni bitaman ka turan fayyisu'uuf. Fedhiin Yesusii maleyikkoota uduu hin ta'in, fiixaa Abrahaamii gargaaru'uuf. Kanaaf waan maraanuu akkuma obboleeyyan isaa ta'uu qaba ture, bifa kanaan cubbuu namootaa dhabamisiisu'uuf jedhee, Waaqa tajaajilu'uuf amanama'aa fi itti gaafatamaa qeesotaa ni ta'e. Inni mataan isaatuu qormaatamee rakkinna waan fudhateef, worra qormaataman gargaaru'uuf ni danda'a. Kanaaf qoodamtoota waamicha samii ka taatan yaa amanttoota qulqulloofttan nana! ergamittichi amantii keennaatii fi itti gaafatamaa qeesotaa Yesusiin yaadadhaa. Museen Mana Waaqaa mara keessatuu amanamaa akkuma ture, Yesus'llee ka isa muude Waaqaaf amanamaa ni ture. Ka Mana ijaaru mana ijaaru caalaa akkuma ulfinna qabu mara, Yesus'llee Musee caalaa ulfinni ni malaan. Dhugamaanuu tokkoon tokkoon manaatuu ijaaraa ni qaba, waan maraa ka hojjate garuu Waaqa. Ufi durana waan jedhamuu qabuuf ragaa akka ta'u, Museen guutuu Mana Waaqaatiif akka tajaajila'aa, amanamaa ni ture. Kristos garuu Mana Waaqaa titti amanamaa ka ta'e akka ilmaa isaa ta'eeti, manni'llee nu'u, mana isaa ka taanu'llee waan itti amannuu fi ittiin ufi dhaadinu abddii keenna jabeessinee yoo qabanne. Kanaaf Hafuurri Qulqulluun akka jedhutti, «Adha qooniqqa isaa yoo dhageettan, lafa gammoojjii titti yeroo ana qormaattantti, akka bifa kakaatanii titti, onnee teessan morkkattuu hin taasisinaa. Achitti abbootiin teessan ana ni qormmaatan, ana ni doorsisan'lle'e, woggaa afurtamaa waan raawwadhe'llee ni argan» jedha Waaqinni. «Kanaaf dhaloota sanitti dallanee, ‹onneen isaanii yeroo maraa ni dogoggora, karaa kiyya'llee hin beekinne› jedhe.» Dabaleellee, «Gara bakka ani isaaniif kennuu ka boqanna'aa gonkumaa hin galan! Jedhee dallanssuu tiyyaan kakadhee jira.» Yaa obboleeyyan, isin keessaa waan Waaqa jiraataa irraa waan isin fageessu hama'aa fi onnee hin amanne akka hin qabaanneef, ufi eeggadhaa. Kana irra isin keessaa cubbu'uun sobamee onnee isaa didduu akka hin taasfnneef, «Adhaa» jedhamee yeroon waamame haga jirutti, guyyama guyya'aan mari'adhaa. Amantii keenna ka jalqaba irraa qabnnu haga muumme'ee titti jabeessinee yoo qabanne, Kristosiin woliin dhaalttota ni taana. Kun'llee, «Adha qooniqqa isaa yoo dhageettanitti, akkuma bifa yeroo hammeennaa san raawwattanitti, onnee teessan morkkattuu hin taasisinaa!» jedhamee akkuma barreeffame. Haa ta'u malee isaan sunniin qooniqqa isaa eega dhagayaniin duubatti ka hammaatan eennu fa'a? Isaan Museen eemara'aa worra Gibixii bayan mara hin turre ree? Waaqa woggaa afurtamaa guutuu uduu dallansiisaniin ka jiraatan, eennuun fa'a turan? Isaan cubbuu ka hojjatanii fi worra reeffi isaanii lafa gammoojji'ii titti kufee hafee mitii ree? Dabaleellee saniin worra hin ajajamin yoo ta'an malee, «Gara boqannaa kiyyaa titti hin galttan!» jedhee ka isaanitti kakate, eennuun fa'a turan? Eegaa galu'uuf ka hin danda'in, waayee amanuu dhabuu isaaniitiin ta'uu isaa ni argina. Kanaaf gara bakka boqanna'aa ka inni nuuf kennuu galu'uuf abddiin fudhanne amma'llee ka eeggame waan taateef, isin keessaa eennu'llee gara bakka boqanna'aa kana galu'uuf carraa uduu hin argatin akka hin hafinneef, marri keennaa ufi haa eeggannuu. Dubbima oduu mishaa akka isaan dhagayanii nu dhageenneenii jira, garuu isaan dubbii dhagayan amanti'iin waan hin fudhatiniif isaan hin fayyadinne. Hujiin isaa yeroo biyyi lafaa uumamee jala qabee ka xumurame yoma ta'e'llee, «Gara bakka ani isaaniif kennu ka boqanna'aa titti, gonkumaa hin galan jedhee dallanssuu kiyyaan kakadhee jira» Akkuma jedhe amma'llee nu'u ka amannu, garasi gara bakka boqanna'aa ka Waaqinni nu'uuf kennuu ni galla, waayee guyyaa torbaffaa bakka tokkotti, «Waaqinni hujii isaa mara irraayyuu guyyaa torbaffaa titti ni boqate» jedhamee barreeffamee jira. Akkuma kana bakka kana irratti deebi'ee, «Gara bakka boqanna'aa ka ani isinii kennuu titti gonkumaa hin galan» jedha. Isaan sunniin worri Oduu mishaa jalqaba dhagayan ajajama dhabuu isaaniitiin, gara bakka boqanna'aa ka Waaqinni isaanii kennu'uuf jiruu titti hin galle, ta'u'llee garasitti akka galaniif worri isaaniif eeyyame tokko tokko ni turan. Kun'llee akkuma durissee jedhametti, «Adha qooniqqa isaa yoo dhageettan, onnee teessan didduu hin taasisinaa» jechu'uun Waaqinni baroota baayi'e'een duubatti, karaa Daawiitiitiin dubbii dubbateen, «Adha» jedhamee guyyaa waamame, murteefamuu isaatiin mirkanaayee jira. Iyyaasuun bakka boqanna'aa uduu isaanii kennee jiraatee Waaqinni irra deebi'ee, «Adha» jechu'uun, waayee guyyaa bira'aa hin dubbatu ture. Eegaa ummata Waaqaatiif boqannaa Sanbbataa boqanni fakkaatu amma'llee ni hafaan, Waaqinni hujii isaa irraa akkuma boqate akkuma kana ka gara boqannaa Waaqinni kennuu galu'llee, hujii isaa irraa ni boqata. Kanaaf eennu'llee ajajamuu dhabuu namoota sanniinii horddofee akka hin kufnneef, gara bakka boqannaa Waaqaa titti galu'uuf, haa hisannuu. Dammaqinnuu. Dubbiin Waaqaa jiraata'aa fi ka hojjatu, billaya afaan lama qabu irra qarama'a, lubbu'uu fi hafuura, ribu'uu fi mogolee haga addaan baasutti ka mummuru, onnee keessatti ka dhokate yaadaa fi hawwa'llee qoratee ka muritteessu. Waaqaa duranaa ka dhokatu uumaminni woyiituu hin jiru, ija isaa duranatti wonitti marrinuu ifaa fi qullaa isaa ta'ee ka mulidhatu, nu'llee deebii kennuu ka qabnnu isa duranatti. Eegaa samiiwwan bira dabrree gara olii gara sami'ii ka baye itti gaafatamaa qeesotaa ol aanaan waan qabnnuuf, amantii keenna jabeessinee haa qabannuu, itti gaafatamaan qeesotaa'llee Ilma Waaqaa Yesus. Nu'u ka qabnnu itti gaafatamaan qeesotaa dadhabbii keennaan nuuf nayuu ka danda'u, inni'llee waan maraanuu akkuma keenna ni qormaatame, ta'u'llee cubbuu woyiituu hin hojjanne. Eegaa dhiifama akka argannuu fi yeroo gargaarssa nu barbaachisutti kennaa isaa ka bilisaa akka argannu, gara bakka kennaan isaa ka bilisaa itti argamu gara teessoo Waaqaa, sodaa tokko malee haa dhiyaannu. Tokkoon tokkoon itti gaafatamaan qeesotaa namoota jiddu'uu filatamee dhimma Waaqaan woliin wolitti nama fiduuf bakka namootaa bu'anii kenna'aa fi kitimaa dhiyeessu'uuf, ni muudaman. Inni mataan isaatuu dadhabbii ka qabu waan ta'eef wolaalotaa fi dogoggorttoota, gara laafnnaan isaan laalu'uuf ni danda'a. Inni mataan isaatuu waayee dadhabaa ta'uu isaatiin kitimaa dhiifama cubbu'uu argamisiisu dhiyeessuun ka isaan maluu ummata qofaaf uduu hin ta'in, mataa isaa'llee dabalataan. Akka Aaroonii Waaqaan ka waamame yoo ta'e malee, eennu'llee ulfinna kana mataa isaatiin hin argatu. Akkuma kana Kristos itti gaafatamaa qeesotaa ulfinna ta'uu isaa fedhii mataa isaatiin hin fudhanne, garuu inni itti gaafatamaa qeesotaa ulfinna ta'uu ka arggate, «Ati Ilma kiyya, ani adha si uumadhee jira» Waaqa jedhe irraayyi. Bakka bira'aa titti'llee Waaqinni, «Akka muudama qeesummaa Malkeesadeeqii, ati bara baraaf ati qeesicha» jedha. Yesus nama ta'ee biyya lafaa kana irra yeroo jiraatetti gara Waaqa du'aa isa kaasuu dandda'uu iyyiinsa ol aana'aan, imimmaan baayi'ee kadhanna'aa fi woriwwaataan kadhaa ni dhiyeesse, mataa gad qabataan mataa isaa ajajamaa taasisuu isaatiin, Waaqinni kadhannaa isaa ni dhagaye. Ilma Waaqaa yoma ta'e'llee rakkinna fudhateen, ajajamuu ni barate. Muda maleessa ta'ee eega argameen duubatti'llee worra ajajaman maraaf, sababaa fayyiinsa bara baraa isaaniif ni ta'e. Kun'llee Waaqinni bifa muudama qeesummaa Malkeesadeeqiin, itti gaafatamaa qeesotaa taasisee ni muudeen. Waayee kanaa ka dubbannu waan baayi'ettu jira, garuu danddeettiin hubannaa keessan diqqaa waan ta'eef, hubachiisu'uuf rakkisa'a. Hubachiisuuf rakkisa'a. Haga ammaa yeroo turetti isin barsiisota ta'utu isin irra jira ture, garuu dubbiin Waaqaa barsiisa jalqabaatiin naminni bira'aa irra deebi'ee akka isin barsiisu ni barbaachisa, bifa kanaan ka isin barbaachisu aanan malee nyaata jaba'aa miti. Aanan ka woga'amu marrinuu daa'ima waan ta'eef, barsiisa waan misha'aa fi waan badaa addaan baasu hin shaakalle. Nyaata jabaataa worri isaan barbaachisu garuu, waan misha'aa fi waan badaa addaan baasu'uuf shaakala ka qaban namoota gugudda'a. Eegaa barsiisa jalqaba ka waayee Kristositiif kenname dhiifinnee, gara barsiisa muda maleessa ta'ee titti haa dabrrinuu, hujii du'e irraa dhiifamaan deebi'u'uu fi hunddee Waaqatti amanu'uu deebinee haa hunddeessnu, akkuma kana ka cuupha'aa, harka irra kaayuu, waayee du'aa ka'uu, barsiisa murtii bara baraa'llee, irra deebinee akka hin hunddeesine. Waaqinni yoo nuuf eeyyame, kana ni raawwanna. Amantii isaanii namoonni waakkatan attamitti dhiifamaan gara Waaqaa titti deebisu'uuf danda'ama? Namoonni kunniin asiin durana ifin isaanii ifee ture, kennaa samii'llee dhandhamanii turan, Hafuura Qulqulluu woliin'llee qoodamtoota ta'anii turan, dubbii Waaqaa misha'aa fi huminna biyya lafaa ka dhufuu'llee dhandhamanii turan, kana maraan duubatti amantii isaanii yoo waakkatan, isaan mataa isaaniitii Ilma Waaqaa irra deebi'anii waan isa fannisanii fi ifatti isa waan salphisaniif, isaan gara dhiifamaa titti deebi'uuf hin danda'an. Biqilttuun yeroo baayi'ee rooba isii irratti bu'u dhugiddu, laftti nama isii irratti dhaabeef'llee faayiddaa kennitu, Waaqa biraa atootaa ni argatti. Qore'ee fi ximirroo yoo biqilichite garuu gati dhabeettii ni taati, yeroo dhiyo'otti'llee ni abaaramtti, muummeen isi'ii'llee ibiddatti gubachu'u. Yaa jaalatamttoota! Kana yoma dubbanne'llee isin fayyinna keessan ka fidu haala fooyyaye irra jiraachuu keessan, nu'u sirri'i. Waaqinni muritteessaa dhuga'aati, kanaaf hujii keessan fi duraan ta'ee amma'llee qulqullaawota gargaaru'uun, waayee maqaa isaatiif jaalalli muldhifttan, hin irraafatamu. Isin marri keessanuu abddi'iin waan eeggattan haga harkaan gayattanitti, hisata keessan haga muumme'ee titti akka muldhifttaniif ni hawwina, ka hawwinu'llee amanti'ii fi obissaan jabaatanii abddi'iin waan isaaniif kenname namoota dhaalan akka fakkaataniif malee, ganttoota akka taataniifii miti. Waaqinni Abrahaamiif abddii yeroo kenneeftti ka ittiin kakatu ka isa caalu ka bira'aa eennu'llee waan hin jirreef, akkana jechu'uun mataa isaatii ni kakate, «Dhugamaanuu si ni eebbisa, fiixaa kee'llee ni baayi'isa.» Abrahaam'llee obissaan eeggatee waan abddii taasfameef ni argate. Namoonni yoo kakatan maqaa mataa isaanii caaluun ni kakatan, haasaya isaanii'llee kakuu isaaniitiin dhugaa taasisu'uun, wol mormmii jidduu isaanii jiru maraa ni dhabamisiisan. Bifa kanaan murttiin Waaqaa ka hin jijjiiramnne ta'uu isaa hubachiisu'uuf barbaadee, worra dhaalttota abddi'ii ta'aniif abddii kaku'uun isaanii ni mirkaneesse. Bifuma kanaan Waaqinni wonittoota hin jijjiiraminnee fi wonittoota itti hin kijibamnne wonittoota lamaan jechuun abddii isaatii fi kakuu isaa nuuf kennee jira, karaa wonittoota kanniin lamaaniitiin'llee abddii fuundurana keennaan jiru jabeessinee qabachuu akka dandeennu waan itti dhiyaannu argachu'uuf, inni gara isaa worri dheessine jajabeenna ol aanaa ni arganna. Abddiin kun'llee jireenna keenna keessatti akka ka hin sochoone xiribbaa sibiilaa amanisiisa'aati, abddiin Yesusiin qabnnu'llee golgata bira dabrree gara Mana Qulqullumma'aa titti ni gala. Gara Mana Waaqeffanna'aa kana'llee Yesus akka muudama qeesummaa Malkeesadeeqii titti bara baraaf itti gaafatamaa qeesotaa ta'ee, waan keennaaf durssee aseenee jira. Malkeesadeeqii seedeqi nugusa Saalemiitii fi qeesicha Waaqa jiraata'aa ture, Malkeeseedeqiin kun'llee Abrahaam nugusota injifatee yeroo deebi'u, karaa irratti argamee jira ture. Abrahaam'llee waan qabatee jiru mara irraayyuu, harka kudhan keessaa harka tokko baasee ni kenneef, Malkeeseedeqi hiikkaan maqaa isaa tokkoffaan, «Nugusa Qulqullumma'aa» ka bira'aa «Nugusa Saalemii» yookiin «Nugusa Nagayaa» jechu'u. Malkeeseedeqi kitaaba keessatti abbaa beekkamee fi haadha yookiin gaalee dhalootaa hin qabu, baraaf jalqaba, jireenna isaatiif'llee muummee hin qabu, Malkeeseedeqiin kun'llee akka fakkeenna Ilma Waaqaa ta'uu isaatiin, bara baraan qeesii ta'ee ni jiraata. Naminni kun attam ol aanaa akka ta'e mee laalaa, Abrahaamiin abbaa gosaa ta'ee waan booju'uun argate irraa kudhan keessaa harka tokko baasee kennaa Mana Waaqaatiif ni kenneef. Kunniin hujii qeesumma'aa irratti ka ramadaman fiixaan Leewi'ii ummata keessaa fiixaa Abrahaamii keessaa jechuun'llee, obboleeyyan isaanii keessaa harka kudhan keessaa harka tokko akka fudhataniif, seeraan isaanii ajajamee jira, Malkeeseedeqi fiixaa Leewotaa yoma ta'uu dhabaate'llee Abrahaamiin irraa kudhan keessaa harka tokko kennaa Mana Waaqaa ni fudhate, Abrahaamii dubbiin abddi'ii kennameef'llee ni eebbiseen. Maandhichi hangafchi irraa eebba akka fudhatu shakkiin hin jiru. Gara tokkoon worri kudhan keessaa harka tokko fudhatan du'oota worra ta'an, gara bira'aatiin garuu kudhan keessaa harka tokko ka fudhate, jiraataa ta'ee akka jiraatu ka rageeffameef Malkeeseedeqi. Eegaa Malkeesadeeqii seedeqi Abrahaamiin yeroo wol qunnametti Leewiin abbaa isaa Abrahaamiin irraa waan hin dhalatiniif, kudhan keessaa harka tokko fudhachuun ka isaan malu Leewiin mataan isaa karaa Abrahaamiitiin kudhan keessaa harka tokko kafalee jira jechu'u. Eegaa ummataaf seerri ka kenname akkaataa qeesummaa hunddee Leewi'iitiin, qeesummaa worra Leewotaa kanaan muda maleessummaan uduu argamee jiraateetii, muudama qeesummaa Aaroonii uduu hin ta'in muudaminni qeesummaa Malkeeseedeqii ka qabu qeesichi bira'aa, dhufuu hin barbaachisu ture, gaaleen qeessumma'aa yoo jijjiiramu seerri'llee woliin jijjiiramuu ni qaba. Qeesichi kun marri ammoo gosa bira'aa irraayyi, gosa kana irraa eennu'llee gara furddaa dhiyaatee ka tajaajile hin jiru. Gooftaan keenna gosa Yihuda'aa keessaa ta'uun isaa ka beekkame, ta'u'llee Museen waayee qeesotaa yoo dubbatu gosa Yihuda'aa laalchisee ka dubbate, womaan tokkoo hin jiru. Wonitti kun ifa ta'ee ka argamu qeesichi akka Malkeeseedeqii jiru ka bira'aa yeroo ka'utti, inni ka muudama qeesumma'aa ka fudhate jireenna isaatiif muummee ka hin qabnne ta'uu isaatiin malee, seeraa fi naamusa fiixa'aan dhufeenii miti. «Akka muudama qeesummaa Malkeeseedeqii titti ati bara baraaf qeesicha» jedhamee, ragaan bayameefii jira. Ajajinni duraanii dadhaba'aa fi ka hin fayyaddinne waan ta'eef, diigamee jira. Seera Muse'eetiin womaayyuu muda maleessa ta'uuf hin danddeenne, amma garuu gara Waaqaa ka ittiin dhiyaannu, abddiin fooyyayaa ta'e nuuf kennamee jira. Kana malee'llee, qeessummaan kun kakuu Waaqaa malee hin taane, sunniin worri asiin durana qeesota ta'an kakuu male'e, Yesus garuu qeesicha ka ta'e kakuu Waaqaatiin, kun'llee, «Waaqinni, ‹ati bara baraaf qeesicha jedhee› kakatee jira, hin jijjiiramu» jedhamee akkaataa isaaf dubbatameetiin. Waayee kakuu kanaatiin Yesus waadaa fooyyayeef wobii ta'ee jira. Sababaa du'aatiin qeesichi tokko uduu hin jijjiiramin hujii irra bara baraaf jiraachuu waan hin dandeenneef, qeesota duraanii laakkofssi isaanii baayi'ee ni ture, Yesus garuu bara baraaf ka jiraatu waan ta'eef qeesummaan isaa ka hin jijjiiraminne. Kanaaf isaaniif kadhachu'uun bara baraaf jiraataa ta'ee waan jiraatuuf karaa isaatiin gara Waaqaa worra dhufan maraa, muda maleessumma'aan isaan fayyisu'uuf ni danda'a. Akkana ka jiru Qulqulluu ashaan itti hin jirre, qulqulluu cubbamoota irraa ka fooyame, samii irra ka ol jedhe, itti gaafatamaan qeesotaa nu barbaachisa. Inni'llee akkuma Qeesonni ol aanttonni kunniin duraan durssee waayee cubbuu mataa isaatiif, maaii'llee waayee cubbuu ummataatiif guyyama guyya'aan kitimaa dhiyeessuun isa hin barbaachisu, maraa isaa kitimaa taasisee yeroo dhiyeessetti'llee, waan kan haala irra deebii hin qabnneen raawwatee jira. Seerri itti gaafatamoota taasisee ka isaan muudu namoota dadhabiddoota, seeraan duubatti ka dhufe dubbiin kaku'uu garuu bara baraaf muda maleessa ka ta'e, Ilma Waaqaa muudee jira. Eegaa wonittoota irratti dubbannu keessaa ijoon waan kana, sami'itti mirga teessoo Waaqa jiraata'aatiin ka taa'e, akkana ka jiru itti gaafatamaa qeesotaa ni qabnna, Inni ka tajaajilu dukkaana dhuga'aa ka taate Mana Waaqeffanna'aa titti, dukkaanni tun'llee ka dhaabatte harka namaatiin uduu hin ta'in Goofta'aan. Tokkoon tokkoon itti gaafatamaa qeesotaa ka muudamu kenna'aa fi kitimaa dhiyeessu'uuf, kanaaf'llee qeesichi kun ka dhiyeessu waan tokko qabaachuu barbaachisa. Akkaataa seeraatiin qeesonni kennaa Mana Waaqaa dhiyeessan waan turaniif inni arddii irra uduu jiraateetii, qeesicha hin ta'u ture, qeesonni kunniin dukkaanni isaan itti tajaajilan ta sami'ii jirttuu fakkeennaa fi gaadisa qofa, kun'llee ka ta'e Museen dukkaanattii yeroo hojjatutti Waaqinni, «Gaara irratti akka bifa sitti muldhatee titti waan lamaa ufi eegganna'aan raawwadhu!» jedhee, akkaataa isa ajajeen. Amma garuu karaa Yesus waadaa dubbii wolii galchaa ta'eetiin, dubbii waadaa duraanii caaluu fi abddii fooyyaye irratti ka hundaaye akka ta'uu isaatiin, tajaajilli isaaf kenname ka caalu. Waadaan jalqabaa ka ashaan hin qabnne ta'ee uduu arigamee jiraateetii, waadaan lammaffaa hin barbaachisu ture. Waaqinni ummata isaa irra ashaan jiraachuu mulidhisu'uun akkana ni jedha, «Kunnoo ummata Israa'eeliitii fi ummata Yihuda'aa woliin, waadaa haarawa yeroo itti aseennu ni dhufa» jedha Gooftaan. Waadaan kun'llee harka isaanii qabee, biyya Gibxiitii yeroo isaan baasetti, waadaa akka abbootii isaanii woliin aseeneetii miti, isaan waadaa kiyyaan waan jabaatanii hin dhaabatiniif, ani'llee shilla isaanitti ni jedhe, jedha Gooftaan. «Kunnoo, yeroo kanaan duubatti ummata Israa'eelii woliin, waadaan ani aseenu akka itti aanee jiru jedha Gooftaan, ani seera kiyya sammuu isaanii keessa ni kaaya, onnee isaanii titti'llee ni barreessa, Waaqa isaanii'llee ni ta'a, isaan'llee ummata kiyya ni ta'an, ‹Gooftaa beeki› jedhee ollaa isaa ta'ee obboleessa isaa ka barsiisu, eennu'llee hin jiraatu, diqqa'aa eegalee haga gudda'aa titti, marrinuu ana ni beekan, balleessaa isaaniitiif dhiifama isaanii ni taasisa, cubbuu isaanii'llee ammaa achitti isaanitti hin laakkayu.» Eegaa, «Waadaa haarawaa» yoo jedhu, waadaa duraanii taasisee jira jechu'u, kanaaf ka ittiin hojjatamee fi wonnitti moofaan marrinuu, yeroon itti badan dhiyaatee jira. Waadaan jalqabaa seera tajaajilaatii fi mana waaqeffannaa arddiilessaa ni qaba ture, dukkaaniin kutaawwan lama qabddu qophoofttee jirtti ture. Baattuun ibisa'aatii fi minjaalli, hibsttiin ciincca'aa'llee keessa jira ka ture kutaan jalqabaa, «Qulqullittii» ni jedhamtti ture. Golgata lammaffa'aatiin gara duubaatiin ta argamttu kutattiin keessaa, «Qulqullittii Qulqulluuwwanii» ni jedhamtti ture. Kutattii kana keessa'llee girgiraan worqqi'iitii fi taabonni waada'aa ka worqqi'iin ka dibaman ni jiran turan, taabotattii waada'aa kana keessa'llee mannaan ka keessa jiru masoobiin worqqi'ii, lalifttuu ka turtte uleen Aarooniitii fi gabateen ajajoonni kudhanii irratti barreeffaman'llee ni jiran turan. Taabotattii irra'llee ka jiru kurreen cubbu'uun dhiisisu'uu koola isaaniitiin ka golgan kiruubeeliin ulfinnaa ni jiran turan, garuu waayee wonittoota kanniin maraatiif amma waan maraa tartiibaan dubbachu'uuf, hin dandeennu. Wonitti marrinuu haala kanaan eega qophaayeen duubatti qeesonni tajaajila isaanii raawwachu'uuf, gara kutaa dukkaanatti'ii ka jalqabaa yeroo mara ni aseena. Gara kutaa lammaffaa ta keessaa ka aseenu garuu itti gaafatamaa qeesotaa qofa, ka aseenu'llee wogga'atti guyyaa tokko qofa, inni'llee waayee cubbuu mataa isaatii fi waayee cubbuu ummanni uduu hin beekin raawwateetiif dhiiga dhiyeessu uduu hin qabatin hin aseenu. Dukkaanattiin jalqabaa haga jirttutti gara Qulqullittii Qulqulluuwwanii karaan fidu amma'llee ka hin muldhatin ta'uu isaa, Hafuurri Qulqulluun bifa kanaan ni muldhisa. Kun'llee yeroo ammaatiif fakkeenna, kennaan Mana Waaqaatii fi kitimaan bifa kanaan dhiyaatan, sammuu nama dhiyeessuu gonkumaa qulqulleessu'uunii hin danda'an, wonittoonni kunniin haga yeroo haarawoomissi dhufuu titti, hujii irra ka oolan seerota afaaniin dubbataman, inni'llee waayee nyaataatii fi dhugati'ii, waayee seerota adda addaa ka qulqullaayu'uutiif seerota raawwataman qofa. Garuu Kristos dhufaatii irra wonittoota mishaa jiraniif itti gaafatamaa qeesotaa ta'ee mulidhatee jira, dukkaaniin inni itti gale'llee guddo'oo fi muda maleetti'i, dukkaanattiin tun'llee ta harka namaa titti hin hojjataminii fi ta uumaa kana irraa hin ta'in. Inni gara Qulqullittii Qulqulluuwwanii yeroo tokko haala irra deebii hin qabnneen, dhiiga mataa isaa qabatee aseene malee, dhiiga re'iiniitii fi mirgoole'ee qabatee hin aseenne. Bifa kanaan'llee wobummaa bara baraa nuuf ni argamisiise. Dhiiginni re'iiniiniitii fi mirgoole'ee akkuma kana kitima'aaf ka ka gutte daaraan goromissa gubatee, namoota battaayan irratti yoo facaafamu, battummaa foonii irraa qulqulleessee, ka isaan qulqullaawomssu yoo ta'e, Karaa Hafuura bara baraatiin mataa isaa ciinccaa heeyibii hin qabnne taasisee, Waaqaaf ka dhiyeesse, dhiiginni Kristosii Waaqa jiraataa akka tajaajilluuf, sammuu keenna hujii du'aa irraa attam caala'atti qulqulleessa ta'inna? Sunniin ka waamaman qabiyyee bara baraa ka Waaqinni abddi'iin kenne akka fudhataniif, Kristos waadaa haarawaaf wolii galchaa jiddu'uu ta'ee jira, kun'llee ka ta'e namoonni waadaa jalqaba jala ta'anii cubbuu hojjatan irraa fayyisu'uuf, inni du'uu isaatiin. Dhaamanni yoo jiraate dhaamanni ka du'ee mirkanaayuu ni barbaachisa, jechi dhaamataa ka mirkanaayu eega dhaamataan du'een duubatti, dhaamataan lubbu'uun yoo jiraate garuu jechi dhaamata'aa gatii hin qabu. Waayee kanaan waadaan jalqabaa dhiiga malee ka jabaatee dhaabatee miti. Jalqaba Museen ajaja seerota ummata marattuu ni hime, kanaan duubatti dhiiga mirgoole'eetii fi dhiiga re'iinii bishaan woliin taasisee, kitaabcha seeraatii fi ummatoota maraa irratti hisoophi'ii fi rifeenissa hoola'aa diima'aan ni facaase, ka facaase'llee, «Dhiiginni waadaa haarawaa ka Waaqinni isin ajaje kana» jedheeti. Akkuma kana dukkaanatti'ii fi meeshaa itti fayyadamaa mara irrattuu, dhiiga ni facaase. Dhugamaanuu akkaataa seera Muse'eetiin waan muraasaan alatti wonitti marrinuu dhiigaan ni qulqullaaya, dhiiginni yoo jiguu dhabaate'llee, dhiifaminni cubbu'uu hin argamu. Eegaa kunniin wonittoota fakkeenna waan sami'ii ta'an marrinuu seera bifa kanaatiin qulqullaayuu isaa barbaachisa ture, sami'ii wonittoonni ta'an garuu kitimummaa kana caaluun, qulqullaayu'uu titti isaan barbaachisa. Kristos fakkeenna «Mana Waaqeffannaa dhuga'aa» gara ta taateetii fi gara fakkeenna ta harka namaa titti hin hojjataminii gara Qulqullittii Qulqullu'uu hin aseenne, inni amma waayee keennaaf Waaqa duranatti muldhachu'uuf gara sami'ii ni aseene. Itti gaafatamaan qeesota worra Yihudotaa dhiiga isaa ka hin ta'in qabatee, woggamaan gara bakka Qulqullittii Qulqulluuwwanii ni aseena ture, Kristos garuu mataa isaa yeroo baayi'ee kitimaa taasisee, dhiyeessu'uuf hin aseenne. Akkana ta'ee uduu jiraatee garuu, biyyi lafaa yeroo uumamee irraa jalaqabee yeroo baayi'ee rakkinna fudhachuu isa ni barbaachisa ture, amma garuu muummee barootaa titti cubbuu dhabamissiisu'uuf mataa isaa kitimaa taasisu'uun, yeroo tokko haala irra deebi'iinsa hin qabnneen muldhatee jira. Namaaf yeroo tokko du'uun ramadameefii jira, du'aan duubatti'llee murti'itu itti jira. Akkuma kana Kristos cubbuu namoota baayi'ee dhabamissiisu'uuf yeroo tokko du'ee jira, dabalee'llee cubbuu baadhachu'uuf uduu hin ta'in worra isaa eeggatan fayyisu'uuf, yeroo lammaffaa'llee ni muldhata. Seerri ufi durana waan dhufu misha'aaf fakkeenna (gaaddisa) malee bifa isaa ka dhuga'aa hin turre, kanaaf woggama wogga'aan yeroo maraa ka kitimaawwan qabatanii gara Waaqaa namoota dhiyaatan, muda maleessota isaan taasisu'uuf gonkumaa hin danda'u. Seerri muda maleessota isaan taasisu'uuf uduu ka dandda'uutii namoonni Waaqeffanna'aaf dhiyaatan haala irra deebii hin qabnneen, cubbuu irraa waan qulqullaayanii fi cubbuun'llee akka isaanitti hin sammuu isaanii titti isaanitti waan beekkamuuf, kitimaa dhiyeessuu ni dhiisan ture. Kitimaawwan kunniin garuu woggama wogga'aan cubbuu isaanii ka ittiin yaadatan. Dhiiginni mirgoole'eetii fi re'iinii cubbuu dhabamisiisu'uuf hin danda'u. Kanaaf Kristos gara biyya lafaa yeroo dhufetti akkana ni jedhe, Kitima'aa fi kennaa Mana Waaqaatiif kennamu hin barbaadu, qaama garuu naaf ni qopheessite. Ciinccaa gubatuu fi kitimaa waayee dhiifama cubbu'uutiif kitimaamuutiin'llee, ani hin gammadinne. Yeroo sanitti ani, yaa Waaqa, akkuma waayeen kiyya kitaaba irratti barreeffametti, fedhii kee raawwachu'uuf dhufee jira ni jedhe. Inni'llee jalqabatti isaan akkaataa seeraatiin labissaman yoma ta'e'llee «Kitima'aa fi kennaan Mana Waaqaa, kitimaan gubatuu fi waayee dhiifama cubbu'uutiif kitimaa kitimamu hin barbaanne, isaanitti'llee hin gammadinne» jedhe, itti aanssee'llee, «Kunoo, ani fedhii kee raawwachu'uuf dhufee jira» jedhe, haala kanaan kitimaa bifa lammaffaa bakka buusu'uuf, kitimaa bifa jalqabaa diigee jira. Eeyyama «Kanaan» Akkaataa jecha jedhuutiin, Yesus Kristos fooniin hala irra deebi'iinssa hin qabnneen waayee kitimaa ta'ee dhiyaachu'uun isaatiin, qulqulloofnnee jirra. Tokkoon tokkoon qeesotaa cubbuu dhabamisiisuu ka hin dandeenne kitimaawwan sanniin yeroo mara dhiyeessaa, guyyaa guyya'aan dhaabatee ni tajaajila. Kristos garuu yeroo maraaf ka ta'u kitimaa tokko eega dhiyeesseen duubatti, mirga Waaqa Abba'aatiin taa'ee jira. Ammaa achitti haga diinonni isaa miila isaatiin jala ta'anitti isaan ni eeggata, kun'llee ka ta'e isaan worra qulqullaawan karaa kitimaa tokkochaatiin, bara baraaf muda maleeyyii waan isaan taasiseef. Hafuurri Qulqulluun'llee waayee kanaan ragaa nuuf ni baya, jalqaba irratti, «Guyyoota sanniiniin duubatti waadaan, ani isaan woliin aseenu kana jedha Gooftaan, seera kiyya onnee isaanii keessa ni kaaya, sammuu isaanii keessatti'llee ni barreessa» jedha Gooftaan. Itti aanissee'llee, «Cubbuu isaaniitii fi hujii isaanii hamaa, ammaa achitti hin irratti hin yaadadhu» jedha. Kanaaf cubbuu marrinuu eega dhabamissiifameen duubatti kitimaan waayee dhiifama cubbuutiif dhiyaatu, ammaa achitti hin jiraatu. Eegaa yaa obboleeyyan! Karaa dhiiga Yesusiitiin gara bakka Qulqullittii Qulqullu'uu titti galu'uuf ka nu danddeessisu, waan amanisiisaa argannee jirra, ka gallu'llee golgata isaatiin jechuun, karaa foon isaatiin ka nuuf bane karaa jireenna haarawaa ta'eetiin. Mana Waaqaa irratti aangoo ka qabu qeesicha guddaa ni qabnna. Kanaaf sammuu hamaa irraa akka qulqulloofnnuuf onnee teenna fiicaminnee, qaama keenna'llee bishaan Qulqullu'uun miicannee, onnee qajeelttu'uu fi amanitii dhuga'aa qabannee gara Waaqaa haa dhiyaannuu. Dubbii abddi'ii titti'llee ka nuuf kenne amanamaa waan ta'eef, amma abddii waan amannee ragaa baanuu uduu asii fi achi hin jedhin, jabeessinee haa qabannuu. Jaalalaa fi hujii misha'aan dammaqinnee akka jiraannu tokko ka bira'aa haa yaadachiisuun, yeroo maraa ufii keennaa wol geennee wol haa jabeessinu malee, tokko tokko akka raawwachuu baratan wol gayuu keenna dhiisuu hin qabnnu, gonkumaa guyyaan dhufaatii Goofta'aa dhiyaachuu isaa yaadachu'uun, waan kana caala'atti raawwadhaa. Dhugaa eega beekineen duubatti ta'e jennee cubbuu yoo hojjanne, ammaa achitti kitimaan waayee cubbuutiif dhiyaatu woyiituu hin qabaannu. Amma ka nu hafu garuu ufi durana ka ta'u murtii sodaachisa'aa fi ibidda sodaachisaa mormmitoonni qabsiisan. Seera Muse'ee ka dabrre naminni lama yookiin sadihii yoo ragaa itti bayan, dhiifama malee du'aan ni adabama. Eegaa ka Ilma Waaqaa tuffate, ka ittiin qulqullaawome dhiiga waada'aa ka batteesse, Hafuura kennaa isaa ka bilisaa ka arrabise, adabbiin attami jiru ka jabaatetu, isaaf mala isinitti fakkaata! «Haloon kiyya, ani gatii barbaachisaa ni kafalaaf» ka jedhe, eennuun ta'uu isaa ni beekinna, akkuma kana, «Waaqinni ummata isaa irratti ni murtteessa» jedha Gooftaan. Kanaaf harka Waaqa jiraata'aa titti kufuun, haalaan ka nama sodaachisu. Ifin eega isinii ifeen duubatti rakkinna baayi'ee fudhattanii guyyoota itti obissitan sanniin yaadadhaa. Yeroo tokko tokko namoota duranatti arrabisamittanii jirttan, akka malee taatanii jirttan, yeroo tokko tokko'llee namoota makkaraarnni akkanaa isaan irra gayeen woliin waahellan ta'uu keessaniin, rakkinna fudhattanii jirttan. Isin qabeenna fooyyaya'aa fi jiraataa sami'itti akka qabddan beekuu keessaniin hidhamttootaaf garaa laafttanii jirttan, qabeenni keessan'llee isaan irraa yoo fudhatamutti obissitanii, haala jiru gammachu'uun fudhattanii jirttan. Eegaa kennaa ol aanaa ka ittiin argattan ufitti amanummaa keessan hin gatinaanii. Fedhii Waaqaa raawwattanii waan Waaqinni isinii kennu'uuf waadaa isiniif aseene argachu'uuf, obissaan eeggachuu isin ni barbaachisa. Kanaaf akkana jedhamee barreeffamee jira, «Inni ka dhufu sun, yeroo muraasaan duubatti ni dhufa hin turu, Kiyya ka ta'e naminni qulqullaawomaan garuu amanti'iin jireenna ni argata, gara duubaa yoo deebi'e garuu, ani isatti hin gammadu.» Nu'u garuu gara worra amananii fayyaniitiiyyi malee, gara namoota ufi duubaa deebi'anii badaniitiiyyii miti. Amantii jechuun abddi'iin waan eeggamu, «Ee, dhugaanuu ni ta'a» jechu'uun fudhachu'u, waan ijaan hin argaminne'llee akka waan argamuu taasisanii laakkayu'u. Namoonni duraanii ka galateeffaman waayee amanti'iitiin. Biyyi lafaa dubbii Waaqaatiin akka uumame ka hubannu amanti'iin. Kanaaf wonitti mulidhatu marrinuu ka hin mulidhannee irraa akka hojjatame ni beekinna. Abeel kitimaa Qaaye'lii ka caalu Waaqaaf ka dhiyeesse amanti'iin, Waaqinni kennaa Abeel Mana Waaqaatiif dhiyeesse gammachu'uun yeroo fudhatetti, Abeel amanitii isaatiin qulqullaawomaa ta'uun isaa ni ragaayeef, Abeel yoma du'e'llee karaa amantii isaatiin, amma'llee dubbata'aa ni jira. Heenok duuti isa irra akka hin geenneef gara olii ka fudhatame amanti'iin, Waaqinni waan isa fudhateeniif'llee hin argaminne, uduu hin fudhataminiin duratti ammoo Waaqa akka gammachiise, rageefameefii jira. Amantii malee Waaqa gammachiisuun hin dandda'amu, gara Waaqaa naminni dhiyaatu Waaqinni jiraachuu isaa namoota isa barbaadaniif'llee kennaa ka kennu, ta'uu isaa amanuu qaba. Amma'llee waayee wonittoota ijaan hin muldhaneetiif Waaqinni yeroo ufi eeggachiiseentti Noohi Waaqa sodaachu'uun, maatii isaa fayyifachu'uuf doonii ka hojjate amanti'iin, amantii Noohiitiin'llee biyyi lafaa cubbamaa ta'uun beekkamee itti ni murtteeffame, Nohi'llee qulqullaawoma amanti'iin argamu ni dhaale. Abrahaam bayee gara lafa qabiyyee taasisee fudhatuu akka deemuuf yeroo waamametti, yoma gara deemu beekuu dhabaate'llee, deemu'uuf ka ajajame amanti'iin. Isa woliin dhaalttota dubbii abddi'ii ka ta'an Yishaaqii fi Yaaqoobiin woliin, biyya abddi'ii titti keessummaa ta'ee, dukkaana keessa ka jiraate amanti'iin. Kana'llee ka raawwate hunddee jabdduu ka qabddu, magaalaa Waaqinni karoorssee fi hojjateen ni eega waan tureef. Saaraa'llee Waaqinni abddii kenneef amanamaa ta'uu isaa waan beekitteef, yoma umrii isi'iitiin ufi durana deemuu isi'iitiin'llee dayu'uuf ka hin danddeenne taate'llee, huminna ulfaayu'uu ka argatte amanti'iin. Kanaaf akka nama du'ee titti ka laakkayamu Abrahaamii tokko irraa, akka urjjii sami'ii ka baayi'atee fi akka cirracha garba ciisaa keessaa titti ka hin laakkayamnne, fiixaan ni argame. Kunniin marrinuu amanti'iin uduu jiran ni du'an, Waaqinni isaanii kennu'uuf waan waadaa isaanii aseene hin arigganne, garuu fago'oo arganii akka waan argataniinii taasisanii gammachu'uun ni fudhataniin. Arddii irratti keessummootaa fi galttoota ta'uu isaanii'llee ni hubatan. Akkana namoonni dubbatan biyya ka isaanii ta'e akka eeggatan ifatti ni mulidhisa. Biyya keessaa bayan san yaadatanii jiran uduu ta'ee, garas deebi'u'uuf ni danda'aniiyyu ture. Amma garuu ka caalu, biyya samii jiru ni yaadan, kanaaf Waaqinni magaalaa isaanii waan qopheesseef, «Waaqa keenna» jedhanii yoo waamaniin, isa hin saalfachiisuun. Abrahaam yeroo itti qormaatametti Yisihaaqiin kitimaa taasisee ka dhiyeesseen, amanti'iin. Eegaa Waaqinni, «Yisihaaqiin fiixaan si ni waamama» jedheenii ture. Waaqinni danddeettii du'aa kaasu'uu akka qabu Abrahaam amanuu isaatiin, haguma waan du'aa ka'ee titti Yisihaaqiin deebi'ee ni argateen. Yishaaq waan ufi durana ta'u yaadu'uun, Yaaqoobii fi Esaawuun ka eebbise amanti'iin. Yaaqoob yeroo itti du'u yoo dhiyaatutti ijoollee Yooseefii tokkoo tokkoo isaanii ka eebbisee fi mataa ule'ee titti irkattee, ka sagade amanti'iin. Yooseef'llee yeroon itti du'uu yoo dhiyaatu Israa'eeloonni biyya Gibixiitii akka bayaniif ka dubbate, waayee lafee isaa'llee maal raawwachuu akka qaban ajaja ka kenne, amanti'iin. Maatiin Muse'ee'llee yeroo inni dhalatetti mucaa bareedaa ta'uu isaa waan arganiif ajaja nugusichaa uduu hin sodaatin, ji'a sadihii ka dhossaniin amaniti'iin. Museen'llee eega guddateen duubatti «Ilma ilmaa Fara'oonii» jedhamee waamamuu ka hin barbaadin amanti'iin, kanaaf'llee inni gammachuu cubbu'uun argamu ka yeroo irra, ummata Waaqaa woliin rakkinna fudhachu'uuf ni filate. Ufi duranatti'llee gatii fudhachu'uuf jiru waan argeef, qabeenna biyya Gibxii irra waayee Masihichaatiif salphachuun, ka caaluu ta'uu ni yaade. Dallanssuu nugusichaa'llee uduu hin sodaatin biyya Gibxiitii ka baye'llee amanti'iin, Waaqa ijaan hin argaminne'llee akka waan arigeenii ta'ee, kaayyoo isaatiin ni jabaate. Ijoollee hangafootaa ajjeesu'uuf maleyikkaan ajajame ijoollee Israa'eelootaa hangafoota akka hin ajjeefinneef jecha, ka Faasika'aa fi dhiiga facaasuu naamusa ka taasise, amanti'iin. Isra'eloonni akka waan arddii gogeettii irra ce'an ta'anii garba ciisaa diimaa ka ce'an amanti'iin, worri Gibixootaa garuu akkuma kana raawwachu'uuf yeroo yaalanitti, marrinuu bishaaniin ni liqimfaman. Israa'eeloonni naanaya kaloowwan Iyaariko'oo guyyaa torbbaaf eega naanayaniin duubatti, kaloowwan ka diigan amanti'iin. Sagaagalittuun Rahaabiin doowattoota nagayaan waan isaan simatteef worra hin ajajaminneen woliin du'uu jalaa irraa ka hafitte, amanti'iin. Eegaa ka bira'aa maal jedha ree? Waayee Gedewoonii, waayee Baaraaqii, waayee Saamsoonii, waayee Yifta'aa, waayee Daawiitii, waayee Saamu'eelii, waayee nabiyyootaa'llee akka hin aseensinneef yero'otu natti gabaabata. Isaan'llee amanti'iin mootummtoota injifatanii ni moo'an, abddii bulichiinssa murti'iitiin isaaniif kenname'llee ni argatan, afaan leencotaa ni cufan, huminna ibiddaa ni balleessan, qara bilayaa jalaa ni bayan, dadhabbii irraa gara jabumma'aa titti ni jijjiiraman, woraanaan hamaawwan ni ta'an, lolttoota weerarttoota diina saamtichaa ni ari'an, Firoota isaanii ka dubarttoonni jalaa du'an, du'aa ka'anii isaan ni argatan, kuunniin'llee du'aa ka'iinssa caalu argachu'uuf yaadanii rakkinna gara garaa ni fudhatan, hidhama irraa'llee bilisa ta'u'uuf hin barbaanne. Kuunniin ammoo worra itti baliddan ta'anii ni dhaanaman, kuunniin sibiilaa miilaan hidhanii hidhamanii gara mana hidha'aa titti ni darbaman, dhaga'aan ni woqaraman, nyaat-mura'aan ni baqaffaman, billayaan'llee ni ajjeefaman, kaldhoo hoola'aatii fi re'ee'llee uffatanii asii fi achi ni deeman, hiyyeeyyi'ii fi koolu-galaa galttoota ta'anii ni raantayan, gammoojji'itti, gaaratti, arddii keessa godoota jiranii fi ededoota'llee ni naanayan. Bifa kanaan'llee biyyi lafaa isaaniif bakka malu taatee hin argaminne. Isaan kunniin marrinuu waayee amantii isaaniitiif ka ragaan bayameef yoma ta'an'llee, abddii isaaniif kenname amma'llee hin arganne. Waaqinni waan fooyyayaa ta'e nu'uuf karoorssee jira, kanaaf isaan nu'uun woliin malee adda isaanii titti, muda maleeyyii ta'u'uuf hin danda'an. Akka duumessaa naannaya keennatti ka nu marrssan ragoota kanniin mara waan qabnnuuf, nu'u waan akka ba'aa nutti ta'e maraa fi nu'u irratti maxane cubbuu dhabamisiifnnee, fuun dura keennaan ka jiru wol durssoo fiigichaa obissaa fi jabaachu'uun haa fiiginnuu. Ka fiiginnu'llee hundeessaa amantii keennaatii fi raawwataa ka ta'e Yesusiin laalu'uun, inni'llee sababaa gammachuu fuundura isaa dhaabatee jiruutiin salphinna fannoo irratti du'u'uu womattuu uduu hin lakkaayin, rakkinna fanno'ootii fi du'a'llee ni obisse, mirga teessoo Waaqaatiin'llee ni taa'e. Eegaa uduu hin hifatinii fi uduu abddii hin kutatin, mormmii cubbamootaa kana mara ka obisse Yesusiin laalaa. Isin cubbuu woliin woldhaanu'uun amma'llee haga dhiiga jissu'uu titti hin mormmine. Waaqinni akka ijoollee isaa taasisee akkana jechu'uun ka isin gorsse irraafattanii jirttan, «Yaa ilma kiyya! Baanii Goofta'aa hin diqqeesin, yeroo si adabetti'llee abddii hin kutatin, Gooftaan nama jaalatutti ni baanata, akka ilma isaa taasisee ka laaluun'llee ni adaba.» Waaqinni akka ijoollee isaa titti waan isin laakkayuuf adabbii isaa obissaa, ilmi abbaan isaa isa hin adabinne eennu ree? Adabbii worri ijoollee isaa ta'an marrinuu fudhatan isin'llee yoo hin fudhatin, diqaalota malee isin ijoolle'ee miti. Kana malee'llee nu'u mara keennaa ka nutti baanatan abbootii fooniin ni qabnna ture, isaan'llee ni kabajina ture, eegaa lubbu'uun jiraachu'uuf Abbaa keenna ka Hafuuraatiif caala'atti ajajamuun, attam nuun hin malle ree! Isaan mishaa ta'ee akkuma isaanitti muldhatetti yeroo muraasaaf nu adabanii jiran, inni garuu qoodamtoota Qulqullummaa isaa akka taanuuf faayiiddaa keennaaf, nu'u ni adaba. Adabbiin marrinuu yero'otti ka nama gaddisiisu malee ka nama gammachiisu hin fakkaatu, maa'ii garuu namoota shaakalaniif, nageenni ka itti guute firii qulqullaawomaa isaaniif ni argamisiisa. Kanaaf harka keessan ka haadoodee fi hunnoota keessan ka dadhaban'llee jabeessaa. Ka hokkolaa ta'e akka fayyuuf malee bakka isaatii bayee akka wol gad hin dhiifinneef, miila keessaniif karaa qajeelaa filadhaa. Qulqullaawoma malee eennu'llee Gooftaa argu'uuf waan hin dandeenneef nama mara woliinuu nagayaan jiraadhaa, Qulullumma'aan'llee jiraachu'uuf hisadhaa, Isin keessaa eennu'llee kennaan Waaqaa ka bilisaa akka itti hin dhidhanneef ufi eeggadhaa, akkuma kana yoma hiddi firiin hadhaayaa daraaru'llee jidduu keessantti akka hin baanee fi akka isin hin rakkifnne, namoota baayi'ee'llee akka isaan hin batteessineef, ufi eeggadhaa. Sagaagalaa ka ta'e yookiin nyaata yeroo tokkootiif jedhee hangafummaa isaa akka ka gurguree akka Esaawuu heeybayaa naminni ta'e, akka hin argaminneef ufi eeggadhaa. Maaii'llee Esaawu deebi'ee eebba fudhachu'uuf yeroo barbaaddetti, eebba kana akka dhoogatame ni beekittan, yoma booya'aa eebba san hisatee barbaade'llee, argachu'uuniif hin dandeenne. Gara Waaqaa deebi'uuf'llee carraa woyiituu hin arganne. Isin gara ka harkaan qaqabamuu yookiin gara ka gubatuu gara gaara siina'aa hin geenne. Gara hurri'ii, gara dukkanaa'llee, gara bubbee honbololatti'ii'llee, gara qooniqqi xurunbbaa laali'ii yookiin gara dubbii himama'aa jiru itti dhagayamu'llee hin geenne, namoonni dubbii san dhagayan, «Ammaa achitti dubbiin bira'aa nutti hin himamnni» jechu'uun, haga kadhachu'uu gayanii jiran. «Horiin gaara yoo tuqe, dhaga'aan woqaramee haa du'u!» Ajajinni jedhu waan isaanitti ulffaateef, baadhachu'uunii hin danddeenne. Gochi muldhate haalaan sodaachisaa ta'uu isaa irraa ka ka'een Museenuu, «Ani sodaadhe, ni holladhe'lle'e!» jedhe. Isin garuu gara Gaara Xiyoonii dhiyaatanii jirttan, isiin'llee magaalaa Waaqa jiraata'aa ka taate Yerusaalemii sami'iit, gammachu'uun gara itti wolitti qabamanii, kuma baayi'etti gara worra lakkaayamanii titti dhiyaattanii jirttan. Gara worra maqaan isaanii sami'itti barreeffame jiruu, ijoollee woldayaa ka hangafan gara worra ta'anii gara wolgayii amanttootaa, gara Waaqa muritteessaa maraa ta'ee fi gara worra qulqullaawota muda maleeyyummaa argatanii gara lubbuu Qulqullu'uu dhiyaattanii jirttan. Jiddu galaa wolii galchaa ka ta'e gara Yesusii, dhiiga Abeelii irra ka woyyu gara ka dubbatuutii fi gara dhiiga facaafamee'llee, dhiyaattanii jirttan. Ka dubbatu san hin fudhannuun akkuma jedhaniintti ufi eeggadhaa, sunniin Waaqinni karaa namaatiin arddi'ii isaanitti yoo dubbatu hin dhageennu worri jedhan jalaa yoo hin bayin, eegaa nu'u sami'ii ka nutti dubbatu fudhachuu yoo dhabaanne attamitti jalaa baana! Yeroo sanitti dubbiin isaa arddii sochoosee jira, amma garuu, «Arddii qofa uduu hin ta'in yeroo tokko irra deebi'ee, samii dabalataan ni sochoosa» jechu'uun, waadaa aseenee jira. Kun ka, «Yeroo tokko irra deebi'ee» dubbii jedhu ka muldhisu, wonittoonni hin sochoone jabaatanii akka jiraataniif ka socho'an yookiin wonittoonni uumaman, dhabamisiifamuu isaaniiti. Eegaa nu'u mootummaa hin raafaminne waan dhaalluuf Waaqa haa galatteeffanuu, haala gammachiisuun'llee kabaja'aa fi soda'aan, isa haa tajaajilluunii. Waaqinni keenna akka ibidda gubuuti. Yeroo maraa ufii keessan jaalala obboleeyyumma'aa qabaadhaa, keessummaa simachu'uu fi keessummeessuu hin dagatinaa, akkuma kana keessummoota simata'aa keesummeesu'uun namoonni tokko tokko uduu hin beekin, maleyikkoota simatanii keessummeessanii jiran. Haga waan isaaniin woliin wolitti hidhamttanii ta'aatii hidhamttoota yaadadhaa, isin'llee akkuma isaanii haga waan worra rakkinna fudhattanii ta'aatii, worra rakkinna fudhatan yaadadhaa. Fuuti nama mara birattuu ka kabajame haa ta'u, worri qaanii hin qabnnee fi sagaagalttoota Waaqinni waan isaan irratti murtteessuuf, abbaan worraatii fi haati worraa amanamummaa dhidhisu'uun, wol fuudha akka hin batteessine. Jaalala qarshi'ii irraa fagaadhaa, ka qabddanuu isin haa gayu, Waaqinni «Gonkumaa si hin gatu, akkuma kana si hin dhiisulle'e» jedhee jira. Kanaaf abddii taasfachuun, «Gooftaan gargaaraa kiyya hin sodaadhu, naminni maal narratti raawwachu'uuf danda'aa?» ni jenna. Dubbii Waaqaa jalqaba durssitoota keessan ka isinitti hima hin dagatinaa, haala jireenna isaaniitii fi bu'aa hujii isaanii yaadachu'uun, amantii isaanii horddofaa. Yesus Kristos kaleessaa fi adha bara baraaf'llee sanuma, hin jijjiiramu. Ka hin baratamin barsiisa gara garaatiin hin booji'aminaa, onneen keenna seerota nyaataa ka gara garaa eegu'uun uduu hin ta'in, kennaa isaa ka bilisaatiin uduu jabaatee dhaabateetii misha'a, seera nyaataa kana namoonni horddofan, womaayyuu isaan hin fayyadinne. Nu'u furdda ni qabnna, ta'u'llee dukkaanattii ka tajaajilan qeesonni, furdda kana irra ka jiru nyaata fudhatanii nyaachuun, isaaniif hin eeyyamamu. Itti gaafatamaan qeesota Yihudotaa dhiifama cubbu'uu ka argamisiisu dhiiga beeyiladootaa qabatee gara bakka Qulqullittii Qulqullu'uu ni aseena, reeffi beeyiladootaa garuu qe'een alatti ni gubata, akkuma kana Yesus ummata dhiiga mataa isaatiin isaan qulqullaawomssuuf, balbala magaalaati'iitiin alatti rakkinna ni fudhate. Nu'llee qe'ee baanee gara isaa haa deeminnuu, qoodamtoota salphinna isaa'llee haa taanuu. Nu'u magaalaa ufi durana dhufttu ni eegganna malee, magaalaa jabaattee dhaabattee jiraattu arddii tana irratti hin qabnnu. Eegaa karaa Yesus Kristositiin kitimaan galataa yeroo mara Waaqaaf haa dhiyeessinuu, kun'llee waayee maqaa isaatiif afaanota ragaa bayan irraa ka dhiyaatu, kitimaa galataati. Waan mishaa raawwachu'uu fi waan qabddan kaanniiniif qooduu hin irraafatinaa, Waaqinni ka gammadu ciinccaa akkanaatiin. Durissitootaa teessaniif ajajamaa, aangoo isaanii jala'llee ta'aa, isaan'llee itti gaafatama gaafatamaniin waan qabaniif waayee lubbuu teessaniitiif ni jabaatan, isin yoo ajajamittaniif isaan'llee hujii isaanii gammachu'uun ni raawwatan, kana ta'uu yoo dhabaate garuu hujii isaanii gaddaan ni hojjatan, kun'llee ka isin fayyadu hin ta'u. Nuuf kadhadhaa, sammuu qulqulluu akka qabnnu nu sirri'itti ni beekinna, karaa maraanuu amala misha'aan jiraachu'uuf ni hawwinaa, kana irra jabaattanii akka kadhattaniif cimssee ka isin kadhadhu, dadafaan gara keessan akka deebi'uuf. Tissichi Hoolotaa ol aanaan Gooftaa keenna Yesusiin, dubbii waadaa bara baraa ka dhiigaatiin du'aa ka isa kaase Waaqinni nagayaa, fedhii isaa raawwachu'uuf akka geettan waan mishaa maraan isin haa hidhachiisu, ka gamachiisu karaa Yesus Kristositiin nu irratti haa raawwatu, Yesus Kristosiif'llee baraa haga baraa titti'llee, ulfinni haa ta'u! Ameen. Obboleeyyan! Ergaan isiniif barreesse kun gabaabaa waan ta'eef dubbii gorssa kiyyaa kana obissaan akka fudhattaniif, cimssee isin ni kadhadha. Obboleessi keenna Ximotewos mana hidha'aatii akka baye akka beekittan ni jaaladha, dadafaan garana yoo dhufe isa woliin gara keessan dhufee isin ni laala. Durissitoota teessanii fi qulqullaawota maraaf nagaya naa dhiyeessaa, Ixaaliya'aa dhufanii kristaannonni asi jiran, nagaya isiniif ni dhiyeessan. Kennaan isaa ka bilisaa mara keessan woliin haa ta'u. Ameen. Biyya lafaa mara keessatti ka bittinnaayan gosoota kudha lamaaniif, tajaajilaa Waaqaa fi Gooftaa Yesus Kristosii ka ta'e Yaaqoobiin irraa ergaa ergame, Nageenni isiniif haa ta'u. Yaa obboleeyyan! Qorammaanni gara garaa isin irra yoo gayutti, akka waan wonittoota gammachiisaa ta'an argattanii taasisa'aatii laakkayaa. Qormmaatamuun amanitiin keessan obissa ka isiniif argamisiisu ta'uu isaa ni beekittan. Obissaan jabaattanii dhaabachuun keessaniin womaa isinitti uduu hin dhidhatin muda maleeyyi'ii fi guutuu akka taataniin ka isin gayu haa ta'u, isin irraa uduu hin dhidhatin. Isin keessaa naminni ogummaan itti dhidhate yoo jiraate Waaqa haa kadhatu, Waaqinni'llee ni kennaaf, inni'llee womaa uduu garaa isa hin hanqatin maraafuu arjoomaan Waaqa arjjaa kennu. Garuu naminni womaa uduu hin shakkin amanti'iin haa kadhatu, naminni shakku bubbe'een ka dhiibamuu fi danbalii raafamu ka garba ciisa'aa ni fakkaata. Naminni akkanaa kun Gooftaa biraa woma tokkoo ka argatu isatti hin fakkaatin. Kun'llee ka ta'u yaada lama waan qabuu fi karaa isaa titti'llee waan asii fi achi jedhuuf. Jireenna isaatiin gad aanaa ka ta'e oboleessi ta'e Waaqinni ol waan isa qabuuf, haa gammadu. Qabeenni namaa akka abaaboo margaa titti waan harca'uuf, obboleessa jireenna isaatiin ol jedhe, Waaqinni jireennaan isaatii gad yoo isa qabe'llee haa gammadu, Aduun oo'a isi'ii woliin yoo baayutti marga ni gossa, abaaboon'llee ni harca'a, bareenni isaa'llee ni bada, akkuma kana naminni dureessi hujii isaatiin yoo haafaye ni bada. Gooftaan akkaataa waadaa isaatiin waahellan isaatiif ka kennu gonfata jireennaa waan fudhatuuf, qormmaatcha obissee jabaatee naminni dhaabatu, ka eebbifame. Waaqinni waan hama'aan waan hin qoratamnnee fi akkuma kana inni eennuun'llee waan hin qormmaanneef naminni yeroo qormmaatamutti, «Waaqatu ana qormmaate» hin jedhin. Garuu tokkoon tokkoon namaa ka qormmaatamu fedhii mataa ufiitiin yoo harkifamuu fi yoo sobame. Kanaan duubatti hawwiin onne'etti jala yoo qabamtte cubbuu ni deetti, cubbuun'llee yoo guddatte du'a ni deetti. Ka jaalatamttan yaa obboleeyyan! Hin sobaminaa! Kennaan misha'aa fi eebbi muda maleessi marrinuu Waaqa Abbaa biraayyi, kun'llee ka dhufu akka gaaddisaa dedeebi'uun yookiin jijjiiramuu ka hin qabnne Abbaa ifaa, Waaqa Abbaa biraayyi. Waaqinni jalqaba uumama isaa maraa akka taanuuf fedhii mataa isaatiin, dubbii dhugaatiin nu ni uumate. Ka jaalatamttan yaa obboleeyyan! Kana hin dagatinaa, naminni marrinuu dhagayu'uuf ka dadafe, dubbachu'uu fi dalanu'uuf'llee, ka barfate haa ta'u. Dallanisuun namaa Qulqullaawomaa Waaqaa hin argamissiisuutii. Kanaaf battumma'aa fi baayi'inna hammeennaa maraa dhabamisiifttanii, Waaqinni onnee teessan keessatti ka dhaabee fi dubbii lubbuu teessan fayyisu'uuf danda'u mataa gad qabataan fudhadhaa. Dubbii isaa hujii irra worra oolichu ta'aa malee mataa keessan soba'aa, dhageefattoota qofa hin ta'inaa. Dubbii isaa dhagayee hujii irra naminni hin oolichine, akka nama fuula uumama isaa daawi'ite'een, akka nama laaluuti. Naminni kun fuula isaa daawi'ite'een eega laaleen duubatti ni deema, attami akka ta'e'llee bakkumatti ni irraafataan. Garuu bilisa ka baasu seera muda maleessa qoratee isaan jabaatee ka dhaabatu, isa'llee dhagayee dagachuu uduu hin ta'in hujii irra naminni oolichu, hujii isaatiin ka eebbifame ni ta'a. Arraba isaa uduu hin toowatin Waaqa ni waaqeffadha naminni jedhu, ufi ni soba, waaqeffannaan isaa'llee tasa. Waaqa Abbaa duranatti qulqullu'uu fi amantii hin battaayin, «Ijoollee Abba'aa fi haati jalaa du'an, akkuma kana dubarttoota abbootiin worraa isaanii jalaa du'an rakkinna isaaniitiin isaan gargaaruu, mataa ufi'llee battaayinna biyya lafaa irraa eegu'u.» Yaa obboleeyyan! Gooftaa ulfinnaa Yesus Kristostti worra amantan yoo taatan, tokko ka bira'aa ni caala jechu'uun, nama jiddu'utti daloo hin raawwatinaa. Fakkeennaaf naminni lamaa gara bakka itti wolgeettanii titti ni dhufan, tokkochi quba isaa titti qubee worqqi'ii ka godhatee fi uffata bareedu faayaa ka uffatee jiru dureessa, ka bira'aa uffata xuraaye moofaa ka uffate hiyyeessa, nama uffata faayaa bareedaa uffate kabaju'uun, «Asi bakka mishaa kana taa'i» ni jettaniin, hiyyeessan garuu «Ati ammoo achi dhaabadhu, yookiin miila kiyya jala taa'i» ni jettaniin, eegaa bifa kanaan jidduu keessantti garaa garummaa akka raawwattanii fi murtii dalo'oo akka murtteesitan, isinitti hin muldhatuu ree? Yaa obboleeyyan jaalatamttan! dhagayaa, Waaqinni amanti'iin dureeyyii akka taatanii fi worra isa jaalataniif abddii isaanii ka kenne, mootummaa isaa akka dhaalaniif hiyyeessota biyya lafa kanaa hin filanne ree? Isin garuu hiyyeeyyii ni tuffattan, worri isin gad qabanii fi worra gara mana murti'ii isin harkisan, dureeyyi'ii mitii ree? Isin ka ittiin waamittan maqaa ulfinnaa san ka arrabissan, isaanii mitii ree? «Nama akka mataa keetii taasisiitii jaaladhu» jedhamee Kitaaba Qulqulluu keessatti ka barreeffame seera Mootummaa Waaqaa yoo raawwattan, mishaa ni taasfttan. Namoota jiddu'utti garaa garummaa yoo raawwattan garuu cubbuu ni hojjattan, seera dabrruu keessaniif'llee ni bagifatamittan. Naminni ajajoota keessaa tokko diigee ka hafan maraa yoma raawwatee, marumaayyuu akka waan diigee titti ni laakkayama. «Hin sagaagalin!» Gooftaan jedhe akkuma kana, «Hin ajjeesin!» jedhee jira, kanaaf yoma sagaagaluu dhabaattee'llee, yoo ajjeeftte seera diigiddee jirta. Seera bilisummaa argamissiisu duranatti dhiyaatanii akka namoota murtii argatanii titti dubbadhaa, akkuma kana'llee hojjadhaa. Murtiin Waaqaa nama dhiifama hin raawwanneef dhiifama hin taasfnne, ta'u'llee dhiifaminni murtii ni injifata. Yaa obboleeyyan! Naminni amantii ni qaba yoo jedhe, garuu amantii isaa hujii misha'aan yoo ibisuu dhabaate maal isaa fayyada? Amantiin isaa hoo isa fayyisu'uu ni danda'aa ree? Fakkeennaaf ka uffatanii fi ka nyaatan obboleeyyanii fi obboleetiiwwan hin qabnne yoo jiraatan, isin keessaa tokko waan jireenna isaaniitiif isaan barbaachisu uduu isaanii hin kennin, «Nagayaan deemaa! Isinitti haa oo'u! Quufaa!» yoo isaaniin jedhe, maal isaan fayyada? Kanaaf, amantiin hujii misha'aan adda baye ka du'e. Garuu, «Ati amantii ni qabdda, Ani'llee hujii mishaa ni qaba» ka jedhu yoo jiraate, «Amantii kee hujii irraa fooyiitii natti muldhisi, ani'llee hujii kiyyaan amantii kiyya sitti ni mulidhisa» ni jedhaan. Ati, «Waaqinni tokkochi jira» jettee ni amantta, kun'llee misha'a, amanuu ammoo jinniiwwan'llee ni amanan, soda'aan'llee ni hollatan. Ati gowwaa nana! Amantiin kee hujii malee firii dhabeessa ta'uu isaa, ni argita ree? Abbaan keenna Abrahaam ilma isaa Yisihaaqiin furdda irratti Waaqaaf kitimaa taasise yeroo dhiyeessetti, ka qulqullaawome huji'iinii mitii ree? Kanaaf amantiin hujiin woli'iin wolii akka turee fi amantiin'llee huji'iin muda maleessa akka ta'e, ni argitaa ree hin? Kitaaba Qulqulluu keessatti, «Abrahaam Waaqatti ni amane, amantiin isaa'llee qulqullaawoma ta'e ni laakkayameef» dubbiin jedhe ni raawwatame, haala kanaan Abrahaam, waahela jaalalloo Waaqaa ni jedhame. Eegaa naminni ka qulqullaawomu amantii qofaan uduu hin ta'in, hujii'llee dabalataan ta'uu isaa ni argita. Sagagalittittiin Rahaab ergamoota worra Israa'eelii mana isi'ii titti yeroo simattettii fi karaa biraatiin'llee akka deemaniif yeroo isaan taasfttetti, isiin hujii isi'iitiin qulqullaawomttee hin turree ree? Qaaminni lubbuu malee ka du'e, akkuma kana amantiin hujii irraa adda baye ka du'e. Yaa obboleeyyan! Nu'u barsiisota worri taane murtii caalaa ta'e akka fudhannu ni beekittaniitii, isin keessaa baayi'eewwan barsiisota hin ta'in. Nu'u marri keennaa yeroo baayi'ee ni dogoggorra, haasaya isaatiin ka hin dogoggorre inni qaama isaa toowachu'uuf ka danda'u, nama muda maleessa. Farddi akka nuuf ajajamuuf afaan isaa titti lugaama ni galichina, farddi'llee gara bakka barbaanuu titti ni eemarraan. Dooniin yoma guddaa ta'ee fi bubbee cima'aan ka dhiibamu yoma ta'e'llee, konkolaachisaan dooni'ii dhayata diqqittii ittiin dhayatuun, gara bakka barbaaduu titti ni oofaan. Akkuma kana arrabinni kutaa shiikkoo qaamaa yoo taatu, wonittoota ol aanttotaan ni dhaadatti, bosonni guddaan ka gubatu ibidda shiikko'oon. Arrabnni'llee akkuma ibiddaati, arrabinni kutaalee qaamota keennaa jiddu'utti ka argamittu biyya lafaa hamttu'u, qaamnni keenna'llee ni faaltti, akka ibidda asaabaa keessaa bayuu titti'llee adeemissa jireenna keennaa mara ni gubddi. Bineensonni arddi'iitii fi sinbirroonni, lafa irra ka harkifatanii fi garba ciisaa keessa ka sosocho'an uumaan marrinuu, namaan leenjifamu'uuf ni danda'an, akkuma kana leenjifamaanii jiran. Garuu arraba leenjisu'uuf ka danda'u eennu'llee hin jiru, summiin ajjeesu ka itti guutee fi boqannaa ka hin qabnne waan hamttu'u. Isi'iin'llee Abbaa keenna Waaqa ni galateeffanna, akkuma kana isi'iin namoota fakkeenna Waaqaatiin uumaman'llee ni abaarra. Afaanuma tokkoo eebbaa fi abaarssi ni bayan, yaa obboleeyan! Kun ta'uun hin malu. Buriqqaa tokkoo dhugaati'iif ka ta'u bishaan mi'aayaa fi bishaan hadhaayaan, burqqu'uuf ni danda'aa ree? Yaa obboleeyyan! Mukinni harbbu'uu firii ejerssaa daraaru'uuf ni danda'a ree? Yookiin biqilttuun woyinni'ii firii harbbu'uu daraaru'uuf ni danda'aa ree? Akkuma kana bishaan hadhaayaa irraa bishaan mi'aayaan argamu'uuf ni danda'a ree? Isin jiddu'uu ogeessaa fi naminni hubattanii eennu? Ogumma'aa fi mataa gad qabataan hujii raawwate, jireenna misha'aan haa mulidhisu. Garuu hinaaffaan hadhaaya'aa fi mataa ufii jaalatiinssi onnee isaanii keessa yoo jiraate hin dhaaninaa, dhugaa irratti'llee hin sobinaa. Ogummaan akkanaa kun ka argamu arddii, foonii fi sheexana irraayyi malee, Waaqa biraayyii miti. Hinaaffa'aa fi mataa ufii jaalallitti bakka jirantti, jeeqamaa fi hujiin hamaan marrinuu ni jiraatan. Garuu ogummaan Waaqa biraa argamu jalqaba qulqullu'u, itti aanssee'llee nagaya jaalataa, misha'aa, ajajamaa, dhiifama taasisaa, ka firiin mishaan itti guute, dalo'oo fi fakkeessitummaa ka hin qabnne. Namoonni nagaya jaalattoonni nagaya facaasanii, firii qulqullaawomaa wolitti ni qaban. Isin jidduu woraanni jiruu fi wol dhabbinni, eessaa ka dhufe? Qaama keessan keessatti ka isin woraanu fedhii keessan ka foonii irraa ka dhufee mitii ree? Waan tokko argachu'uuf ni hawwitan, garuu hin argattan, kanaaf nama ni ajjeefttan. Waan hin kadhanneef'llee, waan barbaaddan hin argattan. Yoma kadhattan'llee deebii kadhannaa keessan ka hin arganneef, wonitti kadhattan gammachuu foonii irra oolichu'uuf, yaada hama'aan waan kadhattaniif. Isin ganttoota nana! Biyya lafaa ka jaalatu diina Waaqaa ta'uu isaa hin beekittanii moo? eegaa ka biyya lafaa jaalatu marrinuu diina Waaqaa ta'uu isaati. Akkuma kana kitaabnni Qulqulluun, «Hafuurri Waaqinni isin keessa bulche isa qofaaf akka taanu, ciminnaan ni hawwa» ka jedhee, tasaan moo? Ta'u''llee kitaabnni, «Waaqinni ufi tuulttota ni morma, gara laafeyyi'iif garuu kennaa isaa ka bilisaa ni kenna» waan jedhuuf, kennaan bilisaa ka Waaqinni kennu, maraa ni caala. Kanaaf Waaqaaf bitamaa, daabiloosiin garuu mormma'aanii, inni'llee isin irraa ni dheessa. Gara Waaqaa dhiyaadhaa, inni'llee gara keessan ni dhiyaata, isin yaa cubbamoota! harka keessan qulqulleessaa, isinii hoola! onnee teessan qulqulleessaa. Sarddamaa, gaddaa, booyaa, kolffi keessan gara booyaa titti, gammachuun keessan'llee gara gaddaa titti haa jijjiiramu. Gooftaa duranatti mataa keessan gad qabadhaa, inni'llee ol isin ni qaba. Yaa obboleeyyan! Ufii keessan wol hin hamatinaa, nama ka hamattu yookiin nama irratti ka murtteessu seera ni hamata, seera irratti'llee ni murtteessa, seera irratti yoo murtteessite ammoo murtteessaa ta'uu keeti malee, seera raawwata'aa miti. Seera ka kennuu fi ka murtteessu Waaqa tokko qofa, fayyisu'uu fi balleessu'uuf'llee ka danda'u isa qofa, eegaa, nama irratti ka murtteessitu ati eennu ree? Isin, «Adha yookiin boru gara magaalaa akkanaa deeminnee achi'llee woggaa tokkoof ni teenna, daldallee'llee ni buufanna» ka jettan, ufi eeggadhaa. Boru waan ta'u hin beekittan, lubbuun teessan maali'i? Isin yeroo tokkoof mulidhatee, booda ammoo akka duumessa maa'ii baduuti. Kana irra isin jedhuun ka malu, «Gooftaan yoo eeyyameef yoo jiraanne kana yookiin san ni raawwanna» jechu'u. Isin garuu kana jechuu irra ufi tuulummaa keessaniin ni dhaadattan, ufi tuulummaan akkanaa kun marrinuu hama'a. Eegaa waan mishaa raawwachuu uduu beeku naminni hin raawwanne, raawwachuu dabuun isaa isatti cubbuu ni ta'a. Amma ammoo isin dureeyyiin! Koota'aatii dhagayaa, rakkinna makkaraarssaan waan isinitti dhufuuf, iyya'aa booyaa. Qabeenni keessan marrinuu shamee jira. Uffata keessan'llee biliin nyaatee jira. Woriqqiin keessan fi qarshiin keessan'llee danddaayee jira, dandayuun isaa'llee ragaa isinitti ni ta'a, foon keessan'llee akka ibiddaa titti ni nyaataan, guyyoota muumme'ee kanniintti'llee qabeenna baayi'ee kuufttanii jirttan. Haa ta'u malee qonna keessan keessa haama'aa hojjattoota oolaniif gatii isaanii waan hin kafaliniif kunoo, qooniqqi mormi'ii ka iyyaanssa isaanii ni dhagayama, iyyaanssa worra callaa sasaabddotaa'llee, Gooftaan hooma'aa dhagayee jira. Qanani'ii fi gammachu'uun jiraachu'uun onnee teessan akka horii qalmmaaf qophaayee titti, furdifittanii jirttan. Qulqullicha dharaan itti ni muritteessitan, ni ajjeefttaniin'llee, inni'llee isiniin hin mormmu. Yaa obboleeyyan! eegaa Gooftaan haga dhufutti obissaan eegaa, qotee bulaan laftti isaa rooba jalqabaatii fi maa'ii haga argatutti akkuma obissa'aa, gatii guddaa ka qabu firii lafa isaa ni eeggata. Isin'llee akkuma kana obissaa, yeroon dhufaatii Goofta'aa waan dhiyaatteef abddiin jabaadhaa dhaabadhaa. Yaa obboleeyyan! Isin irratti'llee akka hin murtteeffamnneef ufii keessan wolitti hin wocinaa, kunoo murtteessan yeroon itti dhufu gayee jira. Yaa obboleeyyan, maqaa Goofta'aatiin nabiyyoonni dubbatan rakkinna obissaan fudhachu'uun, fakkeenna ta'uu isaanii beekaa. Akkuma kana isaan worri obissaan jabaatanii dhaabatan, «Ka eebbifaman» isaaniin ni jenna, Iyyoob attamitti akka obisse dhageettanii jirttan. Gooftaan'llee muummee irratti waan mishaa isaaf raawwate argitanii jirttan, kanaan'llee Gooftaan dhiifama taasisa'aa fi gara laafessa ta'uu isaa beekittannii jirttan. Yaa obboleeyyan! waan maraa olitti sami'iin yookiin arddi'iin yookiin waan bira'aa womaanuu hin kakanna, haasofnni keessan eetii yoo ta'e dhugamaanuu eetii haa ta'u, mitii yoo ta'e'llee dhugamaan mitii haa ta'u, akkana ta'uu yoo dhabaate garuu isinitti ni muritteeffama. Isin jiddu'uu naminni rakkinni isa irra gaye yoo jiraate haa kadhatu, naminni gammade'llee yoo jiraate Waaqa galateeffachu'uun, haa faarffatu. Isin jiddu'uu naminni dhukkubissate yoo jiraate qeesonni woldaya amanti'ii yookiin jaarsotii gara isaa haa waamu, isaan'llee dhibamaa maqaa Gooftaa Yesus Kristositiin zayiitii dibanii, haa kadhataniif. Ka bifa kanaa kadhannaan amantii irratti hundaaye dhukubbisataa ni fayyisaan, Gooftaan'llee dhibee isaa irraa isa ni fayyisaan, cubbuun hojjate'llee yoo jiraatte dhiifaminni ni taasfamaaf. Kanaaf akka fayyitaniif cubbuu keessan ufii keessan wolitti himadhaa, tokkoon tokkoon'llee ka bira'aatiif haa kadhatu, kadhannaan nama Qulqullu'uu bu'aa baayi'ee ka argamissiisu, huminna ol aanaa ni qaba, Eliyaas'llee akkuma keenna nama ni ture, garuu roobinni akka hin roobinneef cimssee yeroo kadhatetti, woggaa sadihii fi wolakka'aaf arddii irratti roobinni woyiituu hin roobinne. Deebi'ee'llee yeroo kadhatetti samiin rooba ni kenne, arddiin'llee deebitee firii ni kennite. Yaa obboleeyyan! Isin keessaa tokkochi karaa dhuga'aatii yoo bayee fi ka bira'aa karaa dhuga'aa titti yoo isa deebiseen, cubbamaa karaa ittiin dogoggore irraa ka deebi'u, lubbuu cubbama'aa'llee du'aa irraa ka fayyisuu fi baayi'ee cubbuu isaatiif'llee dhiifama argamisiisuuf. Barataa Yesus Kristosii ka ta'e Phexirosiin irraa, Galttoota taatanii Phonxos, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa, Asiya'aa fi Bitaanyaa keessa bittinoofittanii worra jiraattaniif, Waaqinni Abbaan akkaatama bu'uura durssee beekeetiin isin worra filatamittaniif, Yesus Kristosiif ajajamu'uu fi dhiiga isaatiin fiicamttanii, qulqullaayu'uuf, Hafuura Qulqullu'uun'llee ka Qulqulloofttaniif, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa baayi'atu. Yesus Kristosii sababaa du'aa ka'uu isaatiin abddii jiraataa ta'e ka nuuf kenne, dhiifama isaa ol aana'aan dhalata haarawaan ijoollee isaa ka nu taasise, Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenna Yesus Kristosii haa galatteeffamu, Inni'llee ka hin badinne, ka tajaajilaan ala hin taanee fi qabiyyee hin moofinne sami'itti isiniif qopheesee jira. Isin'llee guyyaa muumme'ee titti fayyinna muldhatuuf karaa amanti'iitiin, huminna Waaqaatiin eegamttanii jirttan. Yoma qormaatonni adda addaa'llee yeroo muraasaaf ka isin rakkisan ta'an'llee, isaan gammadaa. Qormmaanni kun ka isin irra gayu dhugummaa amantii keessan mirkaneessu'uuf, Woriqqimmaan baduu ibiddaan ni qormaatama, woriqqii caalaa ka kabajamu amanitiin keessanuu akkuma kana qormaatamu ni qaba, amanitiin keessan ka qormaatame kun'llee Yesus Kristos yeroo itti mulidhatutti galata, ulfinnaa fi faarfannaa isiniif ni arigamisiisa. Yesus Kristosiin worruma hin arginiin'llee yoo taatan'llee ni jaalattaniin, ammuma'llee worra hin argineen yoo taatan itti ni amanttan, jechaan ibisu'uuf ka hin dandanda'aminnee fi ulfinna ulfaateen ni gammaddan. Amantii keessaniin'llee ka eegiddaniin fayyinna lubbuu keessan ni ariggattan. Ddhimma fayyinna kanaa waayee kennaa bilisaa ka keessan ta'uu nabiyyoonni raagan, qorannaa gad fagoo ta'ee fi qorannaa taasisanii jiran. Ka isaan keessa ture Hafuurri Kristosii'llee Masihicha irra waayee rakkinnaa fi rakkinnaan duubatti'llee waayee ulfinna argamuu, durssee mulidhisee jira ture, isaan'llee kun marri yeroo kamittii fi haala attam jiruun akka ta'u qoratanii ture, nabiyyoonni kunniin'llee ni tajaajilan ka turan isin malee mataa isaanii akka hin turin isaaniif ibisamee jira, ka isin tajaajilan'llee sami'ii ka ergame karaa Hafuura Qulqullu'uutii ka amma namoonni wongeela isinitti himan dubbatan ibisu'uun ture, waan kana maleyikkoonn'llee argu'uuf ni hawwan ture. Kanaaf onnee keessan kakaasa'aatii huji'iif qophaayaa, hagatti jiraadhaa, Yesus Kristos yeroo itti mulidhatutti kennaa isaa ka bilisaa ka argattaniif, abddii guutuu qabaadhaa. Ijoollee ajajamoota taatanii beekkomissa dhabaan duraan ni qabddan ka turttan, hawwa hamaa hin horddofinaa, Garuu Waaqinni isin waame Qulqulluu akkuma ta'e, isin'llee jireenna keessan maraan qulqulluuwwan ta'aa, «Ani Qulqulluu waan ta'eef, isin'llee Qulqulluuwwan ta'aa» jedhamee, barreeffamee jira. Eennuuf'llee uduu hin dalin tokko tokkoofuu akka hujii isaatiin ka murtteessu, Waaqa «Abbaa keenna» jettanii ka waamittaniin eega ta'e, biyya lafaa kanatti keesumumma'aan galttoota taatanii yoo jiraattan, isa sodaachu'uun jiraadhaa. Isin abbootii teessan irraa ka dhaalttan jireenna tasaa irraa ka bitamtan, akkanumaan ka ta'e qarshi'iin yookiin worqqi'iin akka hin ta'in ni beekittan. Isin ka bitamtan heeyibii yookiin akka hoolaa hanqqinna hin qabnnee Qulqullu'uu ka ta'e, dhiiga Kristosii kabajama'aan. Inni ka beekkame biyyi lafaa uduu hin uumaminniin duranatti yoo ta'u, amma bara muumme'ee titti waayee keessaniif mulidhatee jira. Amantiin keessan fi abddiin keessan Waaqaan akka ta'uuf karaa Yesusiitiin isa du'aa ka kaasee fi ulfinna ka isaa kenneen, Waaqaan ni dhaadattan. Amanttootaaf jaalala qajeelumaan guutamtte akka qabaattaniif dhuga'aaf ajajamu'uun lubbuu teessan qulqulleesitanii jirttan, kanaaf onnee teessan guutu'uun ufii keessan jabeessa'aatii, wol jaaladhaa. Lammaffaa ka dhalattan jiraataa ka ta'ee fi bara baraaf jabaatee dhaabatee ka jiraatu, dubbii Waaqaatiin fiixaa hin banne irraa malee fiixaa baddu irraayyii miti. Kitaabnni akka jedhutti, «Ka foon uffatu marrinuu akka margaat, ulfinni isaa marri'llee akka abaaboo raasa'aati, margi'llee ni goga, abaaboon'llee ni harca'a, dubbiin Goofta'aa garuu, bara baraaf jabaatee ni jiraata.» ka isiniif lallabame dubbiin gammachu'uu kana. Eegaa hammeenna mara, sobuu mara, fakkeessitummaa, hinaaffaa, hama bifa kamiituu dhabamissiisaa. Daai'mman haarawa dhalatan aanan akkuma hawwan, isin'llee fayyu'uuf guddata'aa ka itti deemittan, barsiisa qulqulluu hafuuraa hawwaa. Hawwu'uuf ka dandeettan'llee, «Gooftaan arjjoomaa ta'uu isaa beekittanii yoo jiraattan.» Kanaaf dhagaa jiraataa gara ka ta'ee gara Gooftaa Yesusii dhiyaadhaa, dhagaan kun ka namoonni tuffatanii dhiisaniin, Waaqa biratti garuu ka filaatamee fi gatii ulffaataa ka qabu. Gara Gooftaa Yesusii ka dhiyaattan'llee, akka dhagaayyii jiraattotaa mana hafuuraa taatanii ijaaramu'uuf, bifa kanaan karaa Yesus Kristositiin ciinccaa ka gammachiisu ciinccaa Waaqaa dhiyeessu'uuf, qeesota Qulqulluuwwan ni taatan. Kitaaba Qulqulluu keessatti, «Kunoo! Ka filatamee fi kabajamaa ka ta'e, dhagaa cabissataa Xiyooniin ni kaaya, ka isatti amanu'llee hin saalifatu» dubbiin jedhu barreeffamee arigama. Eegaa isin worra amanttaniif dhagaan kun kabajama'a, ka hin amanneef garuu, «Dhagaan worri kaabdotaa tuffaatanii gatan, dhagaa cabssata mata'aa ni ta'e.» Dabalee'llee, «Kunoo! Dhagaan namoota gufachiisu, Kunoo! namoota gufachiisee dhagaan kuffisu» ni jedha. Isaan'llee dubbii isaa amanuu dhabuu isaaniitiin ni gufatan, durssanii'llee isaan kanaaf worra ramadaman. Isin garuu dukkana keessaa gara ifa maalalchiisuu titt ka isin waame, hujii maalalchiisaa Waaqaa akka labissitaniif dhaloota filatame, qeesota nugusaa, Waaqinni mataa isaatiif ka isin taasise, ummata Qulqullu'u. Isin duraan ummata Waaqaa hin turre, amma garuu ummata Waaqaati, duraan dhiifama hin arganne ture, amma garuu dhiifama argattanii jirttan. Yaa waahellan! Biyya lafaa kanatti keessummootaa fi galttoota waan taataniif lubbu'uun woliin ka wol woraanan, gubatoota hawwa foonnii irraa akka fagaattaniif, yaboo isiniin jedha. Yookiin, «Hamaa raawwattoota» jedhanii yoma isin hamatan'llee, Waaqinni nu laalu'uuf guyya itti dhufutti, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne hujii keessan mishaa laalanii Waaqa akka galateeffataniif, isaan jidduu yoo jiraattanitti amala mishaa qabaadhaa. Waayee Gooftaa Yesusiitiif jedha'aatii aangoon ka kennameef jaarmiyaa ummataatiif ajajamaa, aangoo qabaataa ol aanaa waan ta'eef, nugusaaf'llee ajajamaa. Bulchitoota biyyaatiif'llee ajajamaa, isaan hamaa raawwattoota adabu'uuf, worra mishaa raawwatan galateeffachu'uuf, nugusa moo'ee biraa ka ergaman. Waan mishaa raawwachu'uun haasaya worra gowwa'aa ka beekkomissa malee haasayamu akka caldhisiifttaniif, fedha Waaqaati. Akka tajaajilttoota Waaqaa ta'aatii bilisumma'aan jiraadhaa malee, bilisummaa keessan haguuggama hammeennaa hin taasisinaa. Nama maraa kabajaa, obboleeyyan maraa jaaladhaa, Waaqa sodaadhaa, nugusa kabajaa. Isin tajaajilttoota nana bulchitoota keessaniif kabajaan ajajamaa, ka ajajamittan'llee mishaawwanii fi gara laafeyyii qofaaf uduu hin ta'in, hamaaleyyi'iif'le'e. Naminni ka galateeffatamu akka male'een rakkinna yoo fudhatu waayee Waaqaatiif jedhee, yoo obisse. Hamaa raawwattanii adabbii yoo fudhattan yoo obissitan, galata maal qabaattan? Garuu mishaa raawwattanii rakkinna yoo fudhattan yoo obissitan, Waaqa biraa galata ni argattan. Ka waamamittaniif'llee kanumaaf, fakkeennummaa isaa akka horddofttaniif Kristos waayee keessaniif rakkinna fudhachu'uun, fakkeenna taatanii jirttan. Inni cubbuu woyiituu hin raawwanne, afaan isaa titti'llee hamaan hin argaminne. Yoo arrabissaniin deebisee nama hin arrabissine, rakkinna yoo fudhatu qulqullumma'aan Waaqa murtteessuuf mataa isaa yaboo kenne malee, hin dhaadanne. Cubbuu irraa fooyaminnee qulqullumma'aan akka jiraannuuf, inni mataan isaatuu foon isaatiin cubbuu keenna fannoo irratti ni baadhate, madaa isaatiin isin fayyitanii jirttan. Isin akka hoolota baddee titti asii fi achi ni jettan ture, amma garuu gara tissicha lubbuu keessaniitii fi eegaa keessan, deebitanii jirttan. Akkuma kana isin haawotiin worraa! Abbootii worraa keessaniif ajajamaa, bifa kanaan tokko tokko dubbii Waaqaa titti ka hin amanne yoma ta'an'llee, dubbii isaatiin alatti amala haadha worraa isaanii qofaan qalbbiin isaanii fudhatamu'uuf ni danda'a. Fudhatamuuf' ka danda'aman'llee qulqulluu ka ta'ee fi nama kabajaa ka ta'e jireenna isaanii yoo arganitti. Bareedinni keessan rifeenissa mataa keessan hojjatamu'uun, worqqi'iin ufi bareechisu'uu fi uffata gatii gudda'aa uffachu'uun, faaya duubanaan muldhatuun hin ta'in. Garuu bareedinni keessan Waaqa duranatti gatiin isaa haalaan ka ulffaatee fi faaya hin badinneen, gara laafnnaa fi hafuura ufi toowattiinsaatiin ka bareede, onnee keessatti dhokatee ka arigamu, keessa qaamaatiin haa ta'u. Yeroo duraanii abddii isaanii Waaqa irratti ka gatan, dubarttoonni Qulqulluu ta'an ka bareedan bifa kanaan ture, abbootii worraa isaaniitiif'llee ni ajajaman turan. Ka ajajaman'llee Saaraan Abrahaamiin, «Gooftaa kiyya!» jedha'aa ni ajajamittiif akka bifa turtteeti, isin'llee waan mishaa ta'e yoo raawwattanii fi wonitti sodaachisu tokko uduu isin naasisuu dhabaatee, ijoollee isi'iiti. Isin'llee abbootiin worraa! Haawotii worraa teessaniin woliin hubanna'aan jiraadhaa, isin irra uumama dadhabddoota waan ta'anii fi isin woliin'llee jireenna kennaa isaa ka bilisaa waan dhaalaniif isaan kabajaa, bifa kanaan kadhannaa keessaniif wonitti gufuu ta'u hin jiraatu. Waan hafeen marri keessanuu ufii keessan wolii galu'uun jiraadhaa, rakkinna nama bira'aa akka mataa keessan taasisa'aatii laakkayaa, jaalala obbolumma'aatiin wol jaaladhaa, mishaawwanii fi gara laafeyyii ta'aa. Eebbisaa malee hamaa bakka hama'aatiif, arraba'llee bakka arrabaatiif hin deebisinaa, isin ka waamamittan kana raawwachu'uun eebba dhaalu'uuf, Kitaabnni Qulqulluun akka jedhutti, «Jireenna ka jaalatuu fi guyyoota mishaa'llee argu'uuf ka barbaadu, arrabinni isaa waan hamaa akka hin dubbanneef, hidhiin isaa'llee waan dabaa akka hin dubbanneef, haa dhooggu. Waan hamaa irraa haa fagaatu, waan mishaa haa raawwatu, nagaya haa barbaadu, haa horddofuun'lle'e. Ijji Goofta'aa, gara Qulqullu'uu ni laalan, gurri isaa'llee kadhannaa isaanii dhagayu'uuf banamanii jiran, hamaa raawwatoota irratti garuu, Gooftaan fuula isaa ka dallansu'uu ni mulidhisa.» Waan mishaa raawwachu'uuf yoo jabaattan, miidhaa isin irraan ka gayu eennu? Waan mishaa raawwachu'uun rakkinna yoma fudhattan'llee eebba ni argattan, dhaadata namootaa hin sodaatinaa, hin sarddaminalle'e. Gooftaa Kristosiin onnee teessanitti ulfeeffadha'aanii, lubbuu teessaniif'llee Gooftaa godhadha'aanii, waayee abddii isin keessa jirttuutiif'llee ka isin gaafatu maraaf deebii kennu'uuf, yeroo maraa qophaayota ta'aa. Deebiin keessan garuu gara laafnnaa fi kabaja'aan haa ta'u, ka Kristosii ta'uu keessaniin amala mishaa qabddan irratti hamaa namoonni dubbatan, haasaya hamaa isaaniitiin akka saalifataniif sammuu mishaa qabaadhaa. Fedhii Waaqaa yoo ta'e, isinii waan hamaa raawwachu'uun rakkinna fudhachuu irra, waan mishaa raawwachu'uun rakkinna yoo fudhattan isinii woyya. Kristos'llee mataan isaatuu gara Waaqaa titti akka nu dhiyeessuuf inni qulqullaawomaa ta'ee uduu jiru, qulqullaawoma ka hin qabnne nu'u sababa cubbuu keennaatiin, haala irra deebii hin qabnneen yeroo tokko rakkinna fudhachu'uun du'ee jira, inni fooniin ni du'e, hafuuraan garuu jiraataa ni ta'e. Hafuuruma saniin gara lubbuuwwan mana hidhaa keessa jiranii deemee, dubbii gammachu'uu isaanitti ni hime. Sunniin mana hidha'aa ka turan jinniiwwan, duri bara Nohii titti dooniin yoo qophaayu, Waaqinni obissaan isaan yeroo eega'aa jirutti, hin ajajaminnu worra jedhan. Doonii san keessatti galanii karaa bishaaniitiin ka fayyan, laakkofssi isaanii saddeeti ka ta'e namoonni muraasa qofa. Bishaan kun'llee amma isin ka fayyisu fakkeenna cuupha'aati, cuuphaan kun'llee xurii qaamaa dhabamisiisuu uduu hin ta'in, sammuu qulqulluu argachu'uuf kadhannaa gara Waaqaa dhiyaatu, ka isin fayyisu'llee karaa du'aa ka'iinssa Yesus Kristositiin, Inni gara sami'ii deemee mirga Waaqa Abba'aa ni jira, maleeyikkootaa fi huminnootiin ol aanttonni'llee, bitamaniifii jiran. Kristos fooniin rakkinna ka fudhate waan ta'eef, isin'llee akka nama meeshaa woraanaa hidhatee titti yaada kanaan jabaadha'aatii qophaayaa, foon isaatiin rakkinna naminni fudhate, hojjachuu addaan kutee jira. Ammaa achitti'llee jireenna isaa ka arddiilessaa titti ka jiraatu fedhii foonii hamaa raawwachu'uun uduu hin ta'in, fedhii Waaqaa raawwachu'uun. Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne akkuma raawwatan gad dhiifamaan, hawwii sagaagalaatiin, machi'iin, gammachuu haga dhabeen, haga malee dhuganii sirbbu'uu fi jibbisiisaa ka ta'e waaqeffannaa Waaqa harkaan hojjatameetiin, barri dabarssitan ni gaya. Amma garuu waan kanaan aango'oo olitti isaan woliin naamusaan ol bayu'uun hirmmaachuu dhabuu keessaniin ni baaseffatan, isaan'llee ni arrabissan. Garuu lubbu'uun worra jiranii fi ka du'an irratti murtteessu'uuf ka qophaaye, isaaf deebii itti ni kennan. Worri du'aniif uduu hin hafin wongeelli ka lallabame'llee sababa kanaan, bifa kanaan foon isaaniitiin akka nama kamiituu isaanitti ni murtteeffama, hafuura isaaniitiin garuu bifa jireenna Waaqinni jiraatuu ni jiraatan. Eegaa muummeen waan maraa dhiyaatee jira, jabaatiinssaan dhaabattanii kadhachuu akka dandeettaniif sammuu tasgabbaaye qabaadhaa, hagatti'llee jiraadhaa. Jaalalli cubbuu baayi'ee waan haguugguuf maraa olitti, ufii keessan cimissa'aatii wol jaaladhaa. Guungummii malee ufii keessan keessumumma'aan wol simadhaa. Kennaan Waaqaa ka bilisaa ka adda addaa amanammuma'aan bulichu'uun, isin keessaa tokkoon tokkoon akkaataa kennaa isaa ka bilisaa ka isaa kennameetiin, ka bira'aa haa tajaajilu. Ka barsiisu akka waan dubbii Waaqaa barsiisuu titti haa barsiisu, ka tajaajilu'llee huminna Waaqinni isaa kennuun haa tajaajilu, bifa kanaan'llee Waaqinni karaa Yesus Kristositiin waan maraanuu ni galateeffatama, ulfinnaa fi angoon, baraa haga baraa titti'llee isaaf haa taatu, Ameen. Yaa waaheloota! Rakkinna akka ibiddaa titti nu qormmaatu keessatti yoo argamittan wonitti keessummaan hin baratamin akka waan isin qunnamee taasfttanii hin dinqisiifatinaa, kana irra ulfinni Kristosii yeroo itti mulidhatutti haalaan akka gammaddan, haguma qoodamtoota rakkinna isaa taataniitiin, gammadaa. Waayee maqaa Kristositiif yoo arrabisamittan Hafuurri ulfinnaa jechuun, Hafuurri Waaqaa isin irratti waan ta'uuf, gammadaa. Isin keessaa eennu'llee rakkinna yoo fudhatu akka lubbuu ajjeesa'aa, akka hattu'uu, akka yakkama'aa, akka nama waayee namaa keessa aseenuu hin ta'in. Kristaana ta'uu isaatiin ka rakkinni isa irra gayu yoo jiraate garuu, waayee maqaa Kristositiif Waaqa haa galateeffatu malee, hin saalfatin. Murtiin yeroon itti jala qabu gayee jira, murtiin'llee ka jala qabu'llee namoota Waaqaa irraan, eegaa murtiin ka jala qabu nu'uun yoo ta'e, wongeela Waaqaatiif namoonni hin ajajaminne, muummeen isaanii maal ta'inna laata? Kitaabnni Qulqulluun akkuma jedhutti, «Qulqullaawomaan fayyu'uuf ka danda'u sarddamaan yoo ta'e naminni Waaqa hin waaqeffanne attam ta'u'uuf ree?» Kanaaf akka fedha Waaqaa titti namoonni rakkinna fudhatan, gara qaban maraa Waaqa amanama'aaf yaboo kennanii, waan mishaa raawwachuu irraa ufi hin qusatin. Eegaa ani isaaniin woliin jaarssa woldaya amantii ka ta'e, rakkinna Kristosii'llee ragaa ka ta'e, akkuma kana ulfinna ufi durana mulidhatuu'llee qoodamaa ka ta'u, jidduu keessan ka jiran jaarssotii woldayaa amanti'ii ni gorssa. Yabo'oon ka isinitti kenname gobbuu Waaqaa eegaa, gobbuu ka eegiddan'llee huminnaan uduu hin ta'in, bifa Waaqinni barbaaduun, fedhi'iin haa ta'u, qarshi'iif joojoru'uun uduu hin ta'in tajaajilu'uuf fedhii qabddaniin haa ta'u. Akkuma kana worra itti gaafatamummaa keessan jala jiran hiyyeeyyii bitu'uun uduu hin ta'in, gobu'uuf fakkeennummaa mishaa mulidhisu'uun haa ta'u. Kana yoo raawwattan Tissichi ijoon yeroo muldhatutti, gonfanni hin banne ka ulfinnaa ni fudhattan. Akkuma kana isin gayeessonni! Jarsoti'iif ajajamaa, marri keessanuu mataa gad qabata akka uffataa titti uffattanii, tokko ka bira'aa haa tajaajilu, «Waaqinni ufi tuulttota ni morma, gara laafeyyi'iif garuu kennaa isaa ka bilisaa ni kenna» jedhamee, barreeffamee jiraatii. Eegaa yeroo Waaqinni muriteessetti ol akka isin qabuuf, harka jabaa Waaqa jalatti mataa keessan gad qabaa. Inni waayee keessaniif waan yaaduuf, yaada isin sarddamisiisu maraa isa irratti gataa. Hagatti jiraadhaa, dammaqaa! diinni keessan sheexanni waan liqimssu barbaadu'uun akka leencca aaduu, naannoo keessan asii fi achi ni naannaya. Biyya lafaa mara irra ka jiran obboleeyyan teessan rakkinna bifa kanaa akka fudhatan beeku'uun, amanti'iin jabaadha'aatii mormma'aanii. Yeroo muraasaaf rakkinna eega fudhattaniin duubatti Kristosiin gara ulfinna bara baraa titti ka isin waame, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaa maraa, mataan isaatuu rakkinna fudhattan mara jalaa isin ni fayyisa, isin irkisa, isin jajjabeessa, isin hunddeessa'lle'e. Baraa haga baraa titti'llee, ulfinnaa fi humnniti isaaf haa ta'u! Ameen. Obboleessa amanama'a jedhee ka yaadu karaa Siilaasiitiin, ergaa kana gabaaba'atti isiniif barreessee jira, isinii ka barreesseef'llee isin gorissu'uu fi kun kennaa Waaqaa ka bilisaa dhugaalessaa ta'uu isaa isinii ibisu'uuf jedheeti, kanaaf kennaa Waaqaa ka bilisaa kanaan jabaadha'aatii dhaabadhaa. Akkuma keessan ta filatamitte woldeenni obboleettiin amaniti'ii ta Baabiloniin jirttu, nagaya isiniif ni dhiyeessiti, ilmi kiyya Maarqoos'llee nagaya isiniif ni dhiyeessa. Jaalala kristaanumma'aatiin ufii keessanii wol dhungachu'uun, nagaya wol gaafadhaa. Ka Kristosii ka taatan mara keessaniifuu nageenni haa ta'u. Tajaajilaa Yesus Kristositii fi ergamitticha ka ta'e, Simoon Phexirosiin irraa, Waaqa keennaa fi qoricha kennaa Yesus Kristosiin irraa karaa qulqullaawoma argamuutiin, akkuma amantii nu'u arigannee ka jiru amantii kabajame worra argattaniif, Kennaa Waaqaa ka bilisaatii fi Gooftaa keenna Yesus Kristosiin beeku'uun, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa baayi'atu. Ulfinnaa fi mishummaa isaatiin ka nu waame, isa beekuu keennaan humnniti isaa ka Waaqumma'aatiin jireennaa fi Waaqa Waaqeffachu'uuf waan nu barbaachisu maraa, nuuf kennee jira. Ulfinnaa fi ulfinna arjjooma isaatiin gatii ka qabuu fi haalaan ol aanaa ka ta'e, abddii isaa arigannee jirra, karaa kanniiniitiin'llee isin sababa hawwii hama'aatiin balleessaa biyya lafaa kana irra jiru jalaa baatanii, qoodamtoota amala Waaqumma'aa taatanii jirttan. Sababa kanaan wonittoonni itti aananii jiran akka isinii dabalamaniif hisadhaa, amantii irrattii mishummaa, mishummaa irratti'llee beekkomissa, beekkomissa irratti mataa ufii toowachuu, mataa ufii toowachuu irratti'llee obissaan dhaabachuu, obissaan dhaabachuu irratti'llee, Waaqa waaqeffachuu, Waaqa waaqeffachuu irratti obboleeyyumma'aan wol jaalachuu, obboleeyyumma'aan wol jaalachuu irratti'llee jaalala dabalaa. Wonittoota kanniin baayi'innaan uduu qabaattanii, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin beeku'uuf ka hin fayyadinne firi dhabeeyyii akka hin taaneef, isin ni eegan. Wonittoota kanniin ka hin qabnne garuu waan fago'oo argu'uuf ka hin dandeenne jaama'a, cubuuwwan isaan ka dabrran irraa'llee qulqullaawomuu isaa dagatee jira. Kanaaf yaa obboleeyyan! Waamamuu keessan fi filatamuu keessan mirkanneessu'uuf caala'atti worra hawwitan ta'aa, kana yoo raawwattan gonkumaa hin gufattan. Bifa kanaan gara Mootummaa bara baraa ka taatee, gara Gooftaa keennaatii fi gara Mootummaa qoricha keenna Yesus Kristosii galu'uuf, mirgi guutuun isiniif ni kennama. Wonittoota kanniin uduu isaan beekittanii fi dhugaa qabattaniin'llee jabaattanii uduma jiraattanii'llee, waayee keessaniif isaan yaadachisiisuu shilla hin jedhu. Jireenna kanaan haga yeroo ittiin jiraadhuu titti isin yeroo maraa kakaasuun, sirrii ta'eeti natti mulidhata. Gooftaan keenna Yesus Kristos akkuma naaf ibisetti dadafaan biyya lafaa kana irraa du'aan akka hin fooyaminne, ni beeka. Ani amma ka dammaquuf du'aan isin irraa eega fooyameen duubatti'llee, wonittoota kanniin yeroo maraa yaadachu'uu akka danddeettaniif. Waayee huminna Gooftaa keenna Yesus Kristositii fi waayee deebi'ee dhufiinssa isaa'llee yeroo isinitti himnnetti, mataa keennaa gaachena isaa ija teennaan arginee ka ragaa baannu malee, mammaaka daba ka namaatiin karoorffame horddofinneetii miti. «Isatti ka gammadu Ilmi kiyya ka ani jaaladhu kana!» qooniqqi jedhu, Ulfinna ol aanaa irraa yeroo dhufetti, Waaqa Abbaa irraa ulfinnaa fi ol aanttummaa fudhatee jira. Isaan woliin gaara Qulqulluu ta'e irratti yeroo turretti qooniqqa sami'ii dhufe kana, nu'u mataan keennaa dhageennee jirra. Kun marrinuu nabiyyoonni ka dubbatan dhugaa ta'uu isaa caala'atti nuuf ni mirkaneessan, kanaaf ibisaa bakka dukkanaa titti argamuuf xiyyeeffannaa akkuma kennitaniif, waan nabiyyoonni dubbataniif'llee xiyyeeffannaa kennaa, kana'llee ka raawwattan haga laftti bariituttii fi urijjiin bariisa'aa onnee teessan keessatti haga mulidhatutti. Waan maraan duranatti hubachuu ka qabddan Kitaaba Qulqulluu keessatti ka argamu raaginni kum'llee, naminni kum'llee yaada mataa isaatiin hiiku'uuf ka hin danddeenne ta'uu isaati. Raaginni kumi'llee fedha namaatiin gonkumaa hin dhufinne, garuu raaginni Hafuura Qulqullu'uun namoonni eemaraman, Waaqa irraa fudhatanii ka dubbatan. Garuu bara duraanii titti ummaticha jidduu nabiyyoonni dharaa akkuma turan, isin jidduu'llee nabiyyoonni dharaa ni jiraatan, isaan balleessaa ka itti aanssu barsiifnni dharaa dhossa'aan akka tamisa'u ni taasisan, Gooftaa isaa fayyise'llee waakkatanii badii ariiffachiisaa mataa isaanii irratti ni fidan. Bifa kanaan baayi'eewwan karaa isaanii saalifachiisaa ni horddofan, gocha isaanii irraa'llee ka ka'een karaa dhuga'aa ni arrabisama. Barsiisonni dharaa tunniin qarshi'iif haafayuu irraa ka ka'een seennaa ufii isaaniitii qopheessan oddeessa'aa, isaan ni saaman. Bara baayi'e'een duranaa'llee jalqabee murttiin isaaniif qophaayee jira, badiin'llee dhugamaanuu isaan ni eeggata! Maleyikoonninuu yeroo cubbuu hojjatanitti Waaqinni uduu garaa isaanii hin laafniif, boolla dukkanaa gad fago'oo keessatti guyyaa murti'ii akka eeggataniif, gara ibidda asaabaa titti isaan ni gate. Akkuma kana lallabaa qulqullaawomaa ka ture Nohiin namoota kaanniin torbaan woliin fayyisee, biyya lafaa ka namoonni Waaqa hin waaqeffanne keessa turan irratti bishaan badi'ii yoo fidu, garaa laafee biyya lafaa ka duranii hin baafinneef, dabalee'llee worri Waaqa hin waaqeffanne marrinuu fakkeenna adabamaa akka ta'aniif, magaalaawwan Sodoomii fi Gamoora'aa haga daaraa ta'anitti, gubanii akka balleessaniif isaanitti ni murtteesse, gocha saalifachiisaa worra seeraan alattiin guduunfata'aa ni jiraata ka ture Looxii qulqullaawomaa garuu, ni fayyiseen, namichi qulqullaayomaan sun isaan jidduu yeroo jiraatutti waan guyyama guyya'aan ni argaa fi ni dhagaya ture gocha isaanii ka seeraan alaatiin, lubbuun isaa qulqullaayomaan ni sarddamitti ture. Eegaa kun marrinuu akkana yoo ta'e Gooftaa isa waaqeffachu'uun namoota jiraatan qormaata irraa akka isaan fayyisu, cubbamoota'llee attamitti akka isaan adabuu fi guyyaa murtti'iitiif'llee attamitti eegee akka isaan turssiisu, ni beeka jechu'u. Keessummaanuu isaan sanniin worra kajeellaa isaanii ka foonii battii ta'e horddofanii fi aangoo Waaqaa worra tuffatan, murti'iif eegee isaan ni turssiisa. Maleyikkoonni isaan irraa huminnaa fi aangoo isaan ka caalan yoma ta'an'llee, Gooftaa duranatti isaan irratti himannaa affan dabriinssaan guutame isaan irratti hin dhiyeessu. Barsiisonni dharaa tunniin garuu waan hubachu'uuf isaan dhibeef nama ni arrabssan, isaan xamadamu'uu fi ajjeefamu'uuf akka waan dhalatanii, akka beeyiladootaa miira isaanii ka uumamaatiin jiraataniitii fi akka beeyiladoota sammuu hin qabnneetii, akkuma beeyiladoonni badanitti isaan'llee raawwatan ni badan. Balleessaa waan raawwataniif gatii isaanii ni fudhatan, gammachuun isaanii'llee aduu saafayaatiin machaayu'uu fi haga malee fandalalu'u, fandalaluu isaanii ka haga dhabe kanaan isin woliin yeroo afeeramanitti, sobaa ka ta'e gocha isaanii ka fooniitiin, isaan heeybayoota fi qaanesstoota. Ija cubbuu raawwachuu irraa ufi hin qusanne ni qaban, fedhiin isaanii ka cubbuu raawwachu'uu yoomuu hin furmmu, namoota amanti'iin jabaatanii hin dhaabatin ni soban, qarshi'iif ni haafayan. Isaan namoota abaaraman. Isaan karaa qajeelaa ta'e dhiisanii badanii jiran, hamaa hojjachu'uun qarshii argamu ka jaalate, ilma Bioorii karaa ilma Bala'aamii horddofanii, dogoggoranii jiran. Bala'aam garuu waayee cubbuu isaatiif balaaleffatamee jira. Harreen dubbachu'uuf hin danddeenne afaan namaatiin dubbattee, hujii nabiyyichaa ka maraatu'uu mormmitee jirtti. Namoonni kunniin akka burqaalee bishaan hin qabnneeti, bubbee honbololatti'iitiin akka duumessota fudhatamaniiti, dukkanitti jimiin isaan ni eeggata. Namoota dogoggoraan jiraatan jiddu'uu milqanii ka bayan keessaa namoota baayi'ee hin turin, tasa ka ta'e jecha ufi tuulumma'aa dubbachu'uun, kajeellaa gocha sagaagalaatiin woliin jechisiisu'uun, isaan ni soban. «Bilisa ni baatan» jedha'aa abddii isaaniif ni kennan. Naminni yoo injifatamu injifata'aaf gabra ta'ee waan bitamuuf, isaan mataan isaaniituu gabroota cubbu'uuti. Gooftaa keennaa fi Fayyisaa keenna Yesus Kristosiin beeku'uun battummaa biyya lafaa jalaa eega bayaniin duubatti, deebi'anii battummaa saniin qabamanii yoo injifataman, ka duranii irraa haalli mai'ii caala'atti hamaa isaanitti ni ta'a. Karaa qulqullaawomaa eega beekaniin duubatti ajaja isaaniif kenname qulqulluu irraa ufi duuba ka deebi'an irra, karaa qulqullumma'aa beekuu dhabanii uduu jiraataniitii, isaaniif woyya ture. «Waan tufe liqimssu'uuf sareen gara waan isaa ka tufee titti ni deebi'a.» Akkuma kana, «Booyeen eega miicateen duubatti deebi'ee dhoqqee irratti ni gangalata» ka jedhu, fakkeenni dhugaalessi isaan irra gayee jira. Yaa waahellan! Kun ka isiniif barreessu ergaa lammaffa'aat, ergaa lamaanuu ka isiniif barreesse wonittoota kanniin yaadachu'uun yaada qajeelaa akka qabaattan, isin kakaasu'uuf jedheeti. Kanaan durana nabiyyoonni Qulqulluuwwan dubbii dubbatanii fi karaa isin ergamittootaatiin ajaja argattan, ajaja Gooftaa keennaa fi Fayyisaa keennaa, akka yaadattaniif ni barbaada. Maraan duranatti kana hubadhaa, guyyoota muumme'ee titti ka balddanii fi hawwii isaanii hamaa worri horddofan baldditoonni ni dhufan, isaaniif, «Gooftaan Yesus ni dhufa jedhamee abddiin kennamee hin turee moo? Eegaa eessa jira? Abootiin keenna ta duraanii yeroo itti du'anii kaasee, wonitti marrinuu jalqaba uumamaatii jalaqabee akkuma jirutti» jedha. Namoonni kunniin bara baayi'een duranatti samiin dubbii Waaqaatiin uumamuu isaa, arddiin'llee ka hojjatamitte bishaanii fi bishaaniin irraa ta'uu isaa, ta'e jedhanii ni waakkatan. Biyyi lafaa ka yeroo sanitti ture'llee bishaan irra garagalee ni bade. Waaqa namoonni hin waaqeffanne sami'ii fi arddiin amma jiran haga yeroo itti badanii haga guyyaa murti'ii titti, ibiddaan eeggamanii ni turan. Yaa waahellan! Isin garuu Gooftaa biratti guyyaan tokko akka woggaa kumaa, woggaan kumaa'llee akka guyyaa tokkoo ta'uu isaa, waan tokko kana hin dagatinaa. Namoonni tokko tokko akka isaanitti fakkaatutti Gooftaan dubbii abddii ka dubbate raawwachuuf hin turu, garuu naminni marrinuu dhiifamaaf akka gayuu fi naminni kumi'llee akka hin badinneef barbaadee, waayee keessaniif ni obissa. Guyyaan Goofta'aa garuu akka hattu'uu dimmaa ni dhufa, guyyaa sanitti samiiwwan qooniqqa ol aana'aan ni dabrran, umaan marrinuu ibiddaan gubatee ni bada. Arddi'ii wonittoonni isi'ii irra jiran marrinuu ni gubatan, eegaa wonittoonni kunniin marrinuu haala kanaan ka badan yoo ta'e, eegaa isin Qulqullumma'aan Waaqa Waaqeffachu'uun jiraachuun attam isin irraa hin malle ree? Eegaa dhufaatii guyyaa Waaqaa hawwiin ka eeggattanii fi dadafaan'llee akka dhufuuf worra hojjattan ta'aa, guyyaa san samiin ibiddaan gubatee ni bada, uumamittoon'llee oo'a ibiddaatiin ni baqan, nu garuu akkaataa bu'ura abddii nuuf kennameetiin hujii qulqullaawomaa ka ittiin hojjannu, samii haarawaa fi arddii haarawa ni eegganna. Kanaaf yaa waaheloota! Kun marrinuu guyyaa itti ta'u eeggachuu irra yoo jiraattan, Gooftaa heeyibii malee yookiin ashaa malee taatanii nagayaan akka isin argatuuf, dammaqinnaan jiraadhaa, obissuun Gooftaa keenna'llee fayyinna keessaniif ta'uu isaa beekaa, ka jaalatame obboleessi keenna Phaawulos'llee haguma ogummaa isaa kennameetiin ka isiniif barreesse kanuma. Inni'llee waayee kanaa ergaawwan isaa mara keessatuu bifuma kanaan barreessee jira, ergaa isaa keessatti wonittoonni hubachu'uuf nama dhiban tokko tokko ni jiran. Beekkomissi ka isaanitti dhidhate asii fi achi dhoofttonni kaanniin Kitaabban Qulqulluu bira'aa akka dabissan, wonittoota kanniin'llee ni dabissan, kana'llee ka raawwatan badii isaaniitiif. Isin garuu yaa waahela! Kana durrsitanii waan beekittaniif, dogoggora hamaawwaniitiin harkifamittanii ijjannoo keessan jabaa irraa akka hin kufnneef ufi eeggadhaa, kana irra Gooftaa keennaatii fi qoricha Yesus Kristosiin kennaa isaa ka bilisaatii fi isa'llee beeku'uun ol ol jedhaa, isaaf amma'llee, baraa baratti'llee ulfinni haa ta'u! Ameen. Jalqabumaayyuu ka ture waayee dubbii jireennaa isiniif ni barreessina, kun dubbii jireenna ka dhageennee fi ija teennaan ka argineen, ka laalee fi harka keennaan'llee ka qaqabnneen. Jireenni kun mulidhatee jira, nu'llee argineenii jirra, ragaa ni baana'lle'e. Waaqa Abbaa bira ka turee fi nu'utti'llee ka mulidhate, jireenna bara baraa ni dubbanna. Nu'uun woliin tokkummaa akka qabaattaniif ka arginee fi ka dhageenne'llee isinitti'llee ni himnna. Tokkummaan keenna'llee Waaqa Abba'aa fi Ilma isaa Yesus Kristosiin woliin. Gammachuun keenna guutuu akka ta'u, kana isiniif ni barreessina. Ka isa irraa dhageennee fi ergaan isinitti himnnu'llee, «Waaqinni ifa, dukkanitti'llee isa bira gonkumaa hin jiru» ka jedhu. Kanaaf, «Waaqaan woliin tokkummaa ni qabnna» jedha'aa dukkana keessa ka jiraannu yoo taane ni kijibnna, jecha keennaan ta'ee hujii keenna keessa'llee dhugaan hin jiru jechu'u. Garuu inni ifa keessa akka jiru nu'llee ifa keessa uduu jiraannee, ufii keenna tokkummaa ni qabaanna. Deebi'ee'llee dhiiginni Ilma isaa Yesus Kristosii, cubbuu mara irraayyuu nu ni qulqulleessa. Cubbuu hin qabnnu yoo jenne mataa keenna ni sobinna. Dhugaan'llee nu keessa hin jiru. Cubbuu keenna Waaqatti yoo himanne inni amanama'aa fi qulqullaawomaa waan ta'eef, cubbuu keenna maraa nuuf ni dhiisa, balleessaa keenna mara irraa'llee, nu ni qulqulleessa. Cubbuu hin hojjanne yoo jenne Waaqa sobaa ni taasfnnaan, dubbiin isaa'llee nu keessa hin jiru. Yaa ilma kiyya! Kana ka isiniif barreessu, cubbuu akka hin hojjanneef jedheeti. Garuu naminni kamiyyuu cubbuu yoo hojjate, Waaqa Abbaa biratti abukaatoo ni qabnna, Inni'llee Yesus Kristosii qulqullaawomicha. Inni'llee cubbamoota ni dhabamisiisa, cubbuu keenna qofa uduu hin ta'in, cubbuun biyya lafaa maraa ka dhabamisiifamu isaan. Ajajoota Waaqaa ka raawwannu yoo taane, isaa ka beekinnu ta'uu keenna kanaanuu ni mirkaneessina. «Waaqa ni beeka» jedha'aa ajaja isaa ka hin raawwanne yoo jiraate inni sobddicha, dhugaan'llee isa keessa hin jiru. Garuu dubbii Waaqaatiif ka ajajamu marrinuu jaalallitti inni Waaqaaf qabu muda maleessa, dhugaamaanuu ka isaan jiraannu ta'uun keenna'llee ka beekkamuun kanumaan, Waaqaan ni jiraadha naminni jedhu, Kristos akka jiraattetti jiraachuu qaba. Yaa waahelloota! Ajajinni isiniif barreessa'aa jiru kun jalqabumaa kaasee ka turee fi ajaja duriiti malee haarawaa miti, ajajinni durii kun'llee dubbima dhageettan. Haa ta'u malee jireenna Kristositii fi keessan biratti dhugaa ta'ee ka mulidhate, ajaja haarawa isiniif ni barreessa, dukkanni dhabamisiifamee ifin dhuga'aa, amma'llee ibisa'aa ni jira. Ifaan ni jiraadha jedha'aa obboleessa isaa ka jibbu inni amma'llee dukkanaan ni jira. Obboleessa isaa ka jaalatu marrinuu ifa keessa ni jiraata, karaa isaatiin'llee nama wonitti gufachiisu hin jiraatu. Obboleesa isaa ka jibbu garuu dukkana keessa ni jiraata, dukkanaan'llee ni dedeebi'a, dukkntti'llee ija isaa waan jaamisseeniif, gara itti deemu hin beeku. Yaa ijoolle tiyya, cubbuun keessan maqaa Yesusiitiin waan isinii dhiifameef isinii ni barreessa. Yaa abbootii, jalqabumaayyuu ka ture waan beekittaniiniif, isinii ni barreessa. Yaa dargaggoota, sheexana waan injiffattaniif isinii ni barreessa. Yaa ijoolle, Waaqa Abbaa waan beekittaniif isinii ni barreessa. Yaa abbootii, jalqabumaayyuu ka ture waan beekitaniiniif, isiniif barreessee jira. Yaa dargaggoota, jajaboota waan taatanii fi dubbiin Waaqaa'llee onnee teessan keessa waan jiraatuuf, sheexana'llee waan injifattaniif isiniif barreessee jira. Biyya lafaa yookiin waan biyya lafaa maraa hin jaalatnaa. Biyya lafaa ka jaalatu Waaqa Abbaa hin jaalatu. Biyya lafaa keessa ka jiru marrinuu hawwii foonii, kajeellaa ijaa, ufi dhaaduu jireennaa marrinuu biyya lafaa irraayyi malee, Waaqa Abbaa biraayyii miti. Biyyi lafaatii fi hawwiin isaa'llee ni dabrran. Fedhii Waaqaa ka raawwatu garuu, bara baraaf ni jiraata. Yaa ijoolle! Kun yeroo muumme'eet, «Mormmataan Kristosii ni dhufa» yoo jedhamu dhageettanii jirttan, kunoo ammumaayyuu mormmatoonni Kristosii baayi'een ka'anii jiran, waayee kanaan yeroo muumme'ee ta'uu isaa ni beekinna. Isaan numa jiddu'uu bayan. Haata'u malee isaan durumaanuu gara keennaa hin turre. Gara keennaa uduu ta'anii jiraataniitii, nu'uun woliin'llee jabaatanii ni jiraatan turan. Garuu marrinuu gara gosa keennaatii ta'uu dhabuun isaanii akka beekkamuuf, nu jiddu'uu fooyamanii bayanii jiran. Isin garuu Krirstos Hafuura Qulqullu'uun isaan dibee jira. Kanaaf marri keessanuu waan maraa ni beekittan. Isiniif ka barreessu dhugaa waan hin beekinneefii miti, isin ammoo dhugaa ni beekittan, dhugaa keessa'llee sobinni akka hin argaminne, ni beekittan. Eegaa Yesus Masihicha ta'uu ka waakkatu malee, sobaan eennu ree? Inni'llee mormmataa Kristositi, Waaqa Abba'aa fi Ilmaa'llee ni waakkata. Ilma ka waakkatu Waaqa Abba'aa hin fudhatu, Ilmatti ka amanu Waaqa Abba'atti ni amana. Jalqabumaayyuu kaafttanii ka dhageettan onnee teessan keessatti jabaatee haa jiraatu, isin garuu jalqabumaayyuu dubbiin dhageettan onnee teessan keessatti jabaatee yoo jiraate, Ilmaa fi Waaqa Abba'aa woliin, tokkummaa ni qabaattan. Kun'llee abddii Kristos nuuf kenne, jireenna bara baraati. Waayee namoota isin sossobanii ka isiniif barreessee jira, Kristosiin irraa hafuurri fudhattan keessa keessan waan jiraatuuf barsiisaa bira'aa isin hin barbaachisu, inni waan maraa isin ni barsiisa, ka isin barsiisu'llee dhuga'a malee sobaa miti, kanaaf Hafuurri Qulqulluun akka isin barsiisuuf, Kristosiin jiraadhaa. Eegaa yaa ijoollee! Yeroo inni mulidhatutti uduu hin sodaatin ugiinssaan akka isa arginuu fi guyyaa itti dhufutti'llee isa duratti akka hin saalfanneef, isaan jiraadhaa. Inni qulqullaawomaa ta'uu eega beekittan ka qulqullaawoma ka raawwatu marrinuu, Waaqa irraa ka dhalate ta'uu isaa beekaa. Ijoollee Waaqaa jedhamnnee akka waamaminuuf Waaqinni Abbaan jaalala attamii akka nu'uuf kenne laalaa! Dhugamaanuu nu'u ammoo ijoollee Waaqaati, biyyi lafaa Waaqa waan hin beekiniif, nu'u hin beeku. Yaa waaheloota! Nu'u amma ijoollee Waaqaati, ufi durana maal akka taanu amma'llee hin beekkaminne, garuu yeroo Kristos itti mulidhatutti bifa isaa ka dhuga'aa waan arginuuf, isa akka fakkaannu ni beekinna. Kun akka ta'uu Kristosiin abddii ka taasfatu marrinuu Kristos qulqullaawomaa akka ta'e, inni'llee mataa ufii qulqullaawomaa ni taasisa. Cubbuu jechuun seera Waaqaa diiguu waan ta'eef ka cubbuu hojjatu marrinuu, seera Waaqaa ni diiga. Kristos cubbuu namootaa dhabamisiisu'uuf akka mulidhatee fi inni'llee cubbuu akka hin qabnne, ni beekittan. Kanaaf naminni Kristosiin jiraatu marrinuu cubbuu hin hojjatu. Naminni cubbuu hojjatu Kristosiin hin argineen yookiin hin beekinneen. Yaa ijoolle! Eennu'llee isin akka hin sobinne, Kristos qulqullaawomaa akkuma ta'e, ka qulqullummaa raawwatu marrinuu Qulqullu'u. Sheexanni jalqabumaayyuu kaasee cubbuu waan hojjatuuf, cubbuu ka hojjatu marrinuu worra sheexanaati. Ilmi Waaqaa ka muldhateef'llee hujii sheexanaa diigu'uuf. Amalli Waaqaa isa keessa waan jiraatuu fi Waaqa irraa'llee waan dhalateef, Ilma Waaqaa ka ta'e cubbuu hin hojjatu, hojjatu'uuf'llee hin danda'u. Ijoolleen Waaqaatii fi ijoolleen sheexanaa addaan bayanii ka beekkaman kanaan, qulqullaawoma ka hin raawwannee fi obboleessa isaa ka hin jaalanne marrinuu, Ilma Waaqaatii miti. Ergaan jalqabumaayyuu dhageettan, «Ufii keennaa wol haa jaalannuu» ka jedhu. Gara gosa sheexanaatii ka tureetii fi obboleessa isaa akka ka ajjeesee akka Qaayelii ta'uu nu irraa hin malu, inni obboleessa isaa waayee maali'iitiif ajjeesseen? Hujiin isaa hamaa waan turee fi hujiin obboleessaa isaa garuu sirrii waan tureef. Yaa obboleeyyan! biyyi lafaa yoo isin jibbe hin maalalffatnaa. Nu obboleeyyan keenna waan jaalannuuf du'a gara jireennaa titti ce'uu keenna ni beekinna. Jaalala naminni hin qabnne gaaddisa du'aa keessa ni jiraata. Obboleesa isaa ka jibbu marrinuu ka lubbuu ajjeesu, lubbuu ajjeesaan'llee jireenna bara baraa akka hin qabnne ni beekitan. Jaalalli maal akka ta'e ka beekinnu Yesus Kristos lubbuu isaa nu'uuf dabarssee waan kenneef, nu'llee lubbuu teenna waayee obboleeyyan teennaatiif dabarssinee kennuun ni mala. Naminni biyya lafaa kana irratti qabeenna uduu qabu rakkataa argee garaa yoo hin laafniif, «Waaqa ni jaaladha» jechu'uuf, attamitti danda'a? Yaa ijoolle! Jaalalli keenna dhugaalessaa fi ka huji'iin mulidhattu haa ta'u malee, jechaan yookiin haasaya qofaan hin ta'in. Kanaan'llee dhugaaleyyii ta'uu keennaa fi gara Waaqa duranaa titti sodaa malee ufitti amanamumma'aan dhiyaachu'uuf, ka dandeennu ta'uu keenna ni beekinna. Karaa kanaan onneen teenna yoo nu gilndise'llee Waaqinni garuu ka onnee teennaa oliiti, Inni'llee waan maraa ni beeka. Yaa waaheloota, onneen keenna ka nu hin komanne yoo ta'e, Waaqa duranatti abddii guutuu taasfachuu ni qabaanna. Ajajoota Waaqaa ka raawwannuu fi waan isa gammachiisu'llee ka raawwannu waan taaneef, waan kadhannuu maraa isa irraa ni ariganna. Ajajinni Waaqaa maqaa Ilma isaa Yesus Kristosii titti akka amannuu fi akka Kristos nu ajajeen'llee, ufii keennaa akka wol jaalanuuf. Ajaja Waaqaa ka raawwatan marrinuu Waaqaan ni jiraatan, Waaqinni'llee nu keessa jiraachuu isaa ka beekinu, Hafuura inni nuuf kenneen. Yaa waaheloota! biyya lafaa irratti nabiyyoonni dharaa baay'een waan ka'aniif hafuura maraa hin amaninaa, kana irra hafuuronni ka Waaqaa ta'uu isaaniitii fi ta'uu dhabuu isaanii qoradhaa. Hafuura Waaqaa addaan baafittanii ka beekittan kanaan, Yesus Kristos nama ta'ee fooniin mulidhachuu isaa hafuurri amanu marrinuu, Hafuura Waaqati. Yesus Kristos nama ta'ee fooniin mulidhachuu isaa hafuurri hin amanne marrinuu Hafuura Waaqaatii miti, hafuurri kun'llee ni dhufa yoo jedhamu ka dhageettan hafuura mormmataa Kristositi, inni ammmaayyuu biyya lafaa keessa ni jira. Yaa ijoolle! isin ka Waaqaati, Hafuurri isin keessa jiru biyya lafaa keessa hafuura jiru ni caala. Kanaaf nabiyyoota dharaa injifattanii jirttan. Nabiyyoonni dharaa ka biyya lafaati, wonitti dubbatan'llee waan biyya lafaati. Biyyi lafaa'llee isaan ni dhagaya. Nu'u ka Waaqaati, worri Waaqa beeku marrinuu nu'u ni dhagaya, worri ka Waaqaa hin ta'in garuu nu'u hin dhagayu. Hafuura dhugaaalessaa fi hafuura dharaalessaa addaan baafinne ka beekinnu'llee kanaan. Yaa waahela kiyya! Jaalalli Waaqa biraa waan ta'eef ufii keenna wol haa jaalannuu, ka jaalatu marrinuu Ilma Waaqaati, Waaqa'llee ni beeka. Waaqinni jaalala waan ta'eef ka nama hin jaalanne marrinuu, Waaqa hin beeku. Karaa Ilma isaatiin jireenna akka argannuuf Waaqinni Ilma isaa tokko gara biyya lafaa ergeenii jira, kanaan'llee jaalalli Waaqaa nu jiddu'utti mulidhatee jira. Jaalala jechuun akkana, nu'u waan Waaqa jaalanneef uduu hin ta'in, inni waan nu jaalatee fi cubbuun keenna'llee akka nuuf dhabamisiifamuuf, Ilma isaa waan nuuf ergeef. Yaa waaheloota! Waaqinni haga kana eega nu jaalate, nu'llee ufii keennaa wol jaalachu'utu nu irraa mala. Waaqa ka arge eennu'llee hin jiru. Nu'u ufii keennaa uduu wol jaalannee Waaqinni nu keessa ni jiraata, jaalalli isaa'llee nu keessatti muda maleessa ni ta'a. Waaqinni Hafuura isaa waan nuuf kenneef isaan akka jiraannuu fi inni'llee nu keessa akka jiraatu, ni beekinna. Waaqinni Abbaan Faayyisaa biyya lafaa taasisee Ilma akka ergeen arginee jirra, ragaa ni baanalle'e. Yesus Ilma Waaqaa akka ta'e nama amanu keessa Waaqinni ni jiraata, inni'llee Waaqa keessa ni jiraata. Kanaaf Waaqinni jaalala nu'uuf qabu ni beekinna, ni amanna'lle'e. Waaqinni jaalala. Jaalalaan ka jiraatu Waaqaan ni jiraata, Waaqinni'llee isa keessa ni jiraata. Biyya lafaa kana keessa nu'u ka jiraannu, akkuma Kristos jiraatu akkuma ta'uu isaa titti, jaalalli keenna muda maleessa yoo ta'e guyyaa murti'ii titti sodaa malee isa duranatti dhiyaachu'uuf, ufitti amanamummaa guutuu ni qabaanna. Jaalalli dhuga'aa muda maleessi sodaa ufi keessaa baasee gata malee, jaalalaan saalifachuun hin jiru, sodaan adabbii woliin ka wol qabate waan ta'eef, naminni sodaatu jaalalli isaa muda maleessaa miti. Waaqinni durssee waan nu jaalateef, nu'llee ni jaalanna. Waaqa ni jaaladha jedha'aa obboleesa isaa ka jibbu ka sobaa, obboleessa isaa ka argu ka hin jaalanne, Waaqa hin argine jaalachu'uuf hin dandda'u. Kanaaf ajajinni Kristos nuuf kenne, Waaqa ka jaalatu obboleessa isaa'llee, haa jaalatu ka jedhu. Yesus Masihii ta'uu ka amanu marrinuu Ilma Waaqaati, ka abbaa jaalatu marrinuu ilma'llee ni jaalata. Ijoollee Waaqaa ka jaalannu ta'uu keenna ka beekinnu, Waaqa yoo jaalannee fi ajajoota isaa'llee yoo raawwanne. Waaqa'llee jaalachuu jechuun ajajoota isaa raawwachu'u, ajajoonni isaa'llee ulffaattotaa miti. Ilma Waaqaa ka ta'e marrinuu biyya lafaa ni injifata, biyya lafaa ka injifannu'llee amantii keennaan. Yesus Ilma Waaqaa ta'uu isaa nama amanu malee, biyya lafaa ka injifatu eennu? Cuuphama isaa ka mulidhisu bishaanii fi dhiiga du'a isaa mulidhisuun ka dhufe, Yesus Kristos. Inni ka dhufeef bishaan qofaan uduu hin ta'in bishaanii fi dhiigaan. Kun'llee dhugaa waan ta'eef wonitti kun dhugaa ta'uu isaa, Hafuurri Qulqulluun ragaa ni baya, ragoonni sadihii ni jiran, isaan'llee Hafuura, bishaanii fi dhiiga, kunniin sadiinuu ragumma'aan wolii ni galan. Ragummaa namoonni kennan ni fudhanna, ragummaan Waaqaa garuu mara irraa ni caala. Waaqinni ragummaan waayee Ilma isaatiif kenne'llee kana. Ka Ilma Waaqaa titti amanu ragummaan kun onnee isaa keessa ni jira, Waaqatti ka hin amanne garuu ragummaa Waaqinni waayee ilma isaatiif kenne amanuu dhabuu isaatiin, ka dharaa isaa taasisee jira. Ragummaan isaa'llee Waaqinni jireenna bara baraa akka kennee fi jireenni kun'llee Ilma isaatiin akka jiru, ka ragaa bayu. Ka Ilma Waaqaa qabu jireenna ni qaba. Ilma Waaqaa ka hin qabnne garuu, jireenna hin qabu. Isin worri maqaa Ilma Waaqaa titti amanttan marrinuu, jireenna bara baraa ka qabddan ta'uu akka beekittaniif, kana maraa isiniif barreessee jira. Waanuma kamiinuu akka fedha isaa titti yoo kadhanne, akka nuuf dhagayu ni abiddanna. Wonitti kadhannu marrinuu akka nuuf dhagayu yoo beekinne, waan isa irraa kadhannu maraa ammuma tana, akka fudhannu ni beekinna. Naminni kumi'llee cubbuu obboleessa isaa du'aan gayu cubbuu yoo hojjatu yoo isa argeen haa kadhatuuf, cubbuun namichaa du'aan ka isa hin geenne yoo ta'e, Waaqinni jireenna ni kennaaf. Garuu cubbuun du'aan nama gayu ni jira. Cubbuu bifa kanaatiif haa kadhatu hin jedhu. Hujiin hamaan marrinuu cubbu'u. Haa ta'u malee cubbuun du'aan hin geessine ni jira. Ilma Waaqaa Yesus Kristos waan isa eeguuf Ilma Waaqaa ka ta'e marrinuu, cubbuu akka hin hojjanne ni beekinna, Sheexanni'llee isa hin tuquun. Nu ka Waaqaa ta'uu keenna ni beekinna. Biyyi lafaa garuu marri isaatuu bitamaa sheexanaa ta'anii jiran. Ilmi Waaqaa akka dhufee fi Waaqa dhuga'aa'llee akka beekinnuuf, onnee hubattuu akka nuuf kennee ni beekinna, karaa Ilma isaa Yesus Kristositiin, isa Waaqa dhuga'aa woliin tokkummaa ni qabnna. Yesus Kristos Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati. Yaa ijoolle! waaqolee harkaan hojjataman waaqeffachuu irraa, mataa keessan eeggadhaa. Giifttii filatamitte fi ijoollee isi'iitiif, Ana jaarssa irraa ergaa ergame, ani dhugamaanuu isin ni jaaladha, ana qofa uduu hin ta'in worri dhugaa beekan marrinuu isin ni jaalatan, dhugaan kun'llee ka nu jidduu jiruu fi ufi durana'llee, bara baraaf ka nu woliin jiraatu. Waaqa Abba'aatii fi ka Ilma isaa Yesus Kristosii, kennaan isaa ka bilisaa, dhiifamaa fi nageenni'llee, dhuga'aa fi jaalalaan, nuun woliin haa ta'u. Ijoollee tee keessaa tokko tokko akkaataa Waaqinni Abbaan nu ajajeetiin dhugamaanuu jabaatanii dhaabatanii argachuu kiyyaan, haalaan gammadee jira. Yaa giifttittii haadha worraa, ammallee yaaboo sitti haa ta'u, wonitti siif barreessu kun haarawa sitti hin fakkaatin, amma ka siif barreessu, «Ufii keennaa wol haa jaalanuu» ka jedhu, jalqabumaayyuu kaasee ajaja nu bira ture. Jaalala dhuga'aa jechuun ajaja Waaqaa raawwachu'u. Ajajin kun'llee akkuma jalqaba dhageettaniin, «Jaalalaan jiraadhaa» ka jedhu. Yesus Kristos nama ta'ee fooniin mulidhachuu isaa ka hin amanne dogoggorstoonni baay'een, biyya lafaa irratti ka'aanii jiran. Naminni akkanaa kun soba'aa fi mormmataa Kristositi. Isin garuu gatii keessan guutuu fudhachu'uuf hisadhaa, wonitti hojjattan'llee akka isin jalaa hin banneef, ufi eeggadhaa. Barsiisa Kristositiin jabaatee ka hin jiraannee fi isa irraa'llee fagaatee ka deemu, Waaqinni isa woliin hin jiru, barsiisa Kristositiin jabaatee naminni jiraatu garuu, Waaqinni Abbaanii fi Ilmi'llee isa woliin ni jiran. Barnnoota kana uduu hin qabatin eennu'llee gara keessan yoo dhufe mana keessanitti isa hin simatinaa, nagaya'llee hin gaafatinaanii. Nagaya'llee naminni isa gaafatu, hirmaataa hujii isaa hama'aa ni ta'a. Isinii barreessu'uuf wonitti barbaadu baayi'ee ni qaba ture, garuu waan maraa xalaya'aan isinii ibisu'uu hin barbaadu, kana irra gammachuun keenna muda maleessa akka ta'uuf gara keessan dhufee, fuulle'etti jechaaf jechaan isin dubbisu'uuf abddii ni taasisa. Ta filatamitte ijoolleen obboleettii teetii, nagaya siif ni dhiyeessan. Dhugamaan ka jaaladhuuf, Gaayosii jaalatameef, Ana jaarsa irraa ergaa ergame, Yaa waahela kiyya! Jireenni kee marrinuu akka si mijaayu, fayyaa akka qabaatuu fi akkuma kana boqannaa hafuuraa akka argattu siif ni hawwa. Dhuga'aaf amanamummaa keetii fi dhuga'aaf'llee jiraachuu kee obboleeyyan kristaanotaa tokko tokko dhufanii yeroo natti himantti, haalaan ni gammade. Ijoolleen tiyya dhuga'aan dedeebi'aa jiraachuu isaanii dhagayuu irra ka caalu, wonitti ana gammachiisu hin jiru. Yaa waahellan kiyya! Si'iif keessummoota yoma ta'an'llee obboleeyyaniif tajaajila amanamaa ni kennita. Isaan'llee waayee hujii jaalalaa ka isaanii raawwatteetiif woldayoota amanti'ii duranatti ragaa bayanii jiran, amma'llee haala Waaqinni gammachiisuun, adeemissa isaaniitiin isaan yoo garggaartte misha'a. Isaan Kristosiin tajaajilu'uuf yoo bayan, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irraa gargaarssa woyiitu hin fudhanne. Qoodamtoota hujii dhuga'aa akka taanuuf, namoota akkana jiran kanniin garggaaruu ni qabnna. Asiin durana waldaya amanti'ii Kristosiitiif xalayaa barreessee jira, garuu durssaa woldaya amanti'ii ta'u'uuf ka barbaadu Deemetrius, yaada kiyya hin fudhanne. Kanaaf gara keessan yeroo dhufu inni nu arrabissa'aatii fi nu salphisa'aa, hujii inni raawwate hamaa mara marattuu ni dubbadha, kun uduu isaa hin gayin hafee, inni mataan isaatuu obboleeyyan ufitti hin fudhatu. Kuunniin'llee akka isaan ufitti hin fudhanneef ni dhoogga. Woldaya amanti'iitii'llee isaan ni baasa. Yaa waahela kiyya! Mishaa fakkaadhu malee hamaa san hin fakkaatin. Hujii mishaa ka hojjatu marrinuu ka Waaqaati. Hujii hamaa ka hojjatu garuu Waaqa hin argine. Deemtriusiif naminni marrinuu haala misha'aan ragaa ni bayaaf. Dhugaan mataan isiituu ufii isi'iitii ragaa ni baati. Nu'llee ragaa ni baanaaf, ragummaan keenna'llee dhugaa ta'uu ni beekitta. Si barreessu'uuf ka barbaadu waan baayi'ee qaba ture, garuu xalaya'aan si ibisu'uuf hin barbaadu. Yeroo dhiyo'otti si argu'uuf abddii ni taasisa, yeroo sanitti jechaa jechaan woliin ni haasofnna. Nageenni siif haa ta'u. Waaheloonni nagaya siif ni dhiyeessan. Ati'llee Waaheloota keennaaf tokko tokkoon, nagaya nuuf dhiyeessi. Tajaajilaan Yesus Kristositii fi obboleessa Yaaqoobii ka ta'e Yihudaa irraa, Worra waamamittan, Waaqa Abba'aatiin ka jaalatamttan, Yesus Kristosiin ka eegamttan maraaf, Dhiifamnni, nagayaa fi jaalallitti'llee isiniif haa baayi'atu. Yaa waaheloota! Waayee fayyinna wolitti qabnnuu isinii barreessu'uuf haalaan barbaadee ture, amma garuu haala irra deebii hin qabnneen, Waaqinni ummata isaatiif yeroo tokko waayee amantii kenneetiif, akka ciminnaan akka woldhaanttan gorssu'uuf, isinii barreessu'uun dirqama natti ni ta'e. Ka isaanitti murteeffamu ta'uu yeroo baayi'een duranatti ka isaanitti barreeffame, namoonni tokko tokko gara keessan huluuqanii aseenanii jiran, isaan'llee kennaa Waaqaa ka bilisaa gad dhiifamammuma'aan ka jijjiiran, Waaqa worra hin waaqeffanne, inni qoftti bulichaa keennaa fi Gooftaa keenna ka ta'e, Yesus Kristosiin'llee ni waakkatan. Kana mara durssitanii yeroo tokko ka beekittan yoma ta'e'llee, ummata isaa biyya Gibixiitii baasee akka isaan fayyisee fi worra hin amaninii'llee maai'ii akka isaan balleesse, isin yaadachiisu'uuf ni jaaladha. Akkuma kana aangoo isaanii eegachuu dhabuu isaaniitiin malayikkoota bakka isaanii gad dhiisan yaadadhaa, isaan Waaqinni haga Guyyaa ol aanaa murti'ii titti hidhaana bara baraatiin, dukkana jimii keessatti isaan eegee turssiisee jira. Bifuma kanaan Sodoomii fi Gamooraan magaalawwan naannaya isaanii jiran'llee sagaagalttoota ni ta'an, seera uumamaatiin alatti'llee sagaagala ni raawwatan. Kanaaf isaan ibidda bara baraatiin worra adabamaniif, fakkeenna ta'anii jiran. Akkuma kana namoonni kunniin eebjjuu isaaniitiin eemarama'aa foon isaanii ni batteessan, aangoo qabeeyyi'iif'llee hin ajajaman, sami'itti ulfinna worra qaban'llee ni arrabissan. Itti gaafatamaan maleyikkootaa Mikaa'el'llee waayee reeffa Muse'eetiif sheexanaan woliin yeroo mormmetti, «Gooftaan sitti haa baanatu!» jedheen malee, jecha arrabaa itti hin dubbanne. Namoonni kunniin garuu hubachuu waan dadhaban maraafuu nama ni arrabissan, akka beeyiladoota sammuu uumamaan hin qabnee titti'llee, waanuma miira isaanii ka uumamaan beekan yoo jiraate'llee, isaan ni badan. Karaa Qaaye'liitiin waan deemaniif, qarshi'iif jedhanii dogoggora Bala'aamiitiin waan kufaniif, Qoreen'llee akka isaan isaan'llee waan isa mormmuu isaaniitiin waan badaniif, isaanii uunisha'a! Namoonni kunniin saalifata malee wiriqachu'uun tokkumma'aan afeerrii irratti yoo argaman gufuu isaanitti ni ta'an, isaan ka yaadan waayee mataa isaanii qofa, akka waan bubbe'een dhiibamanii isaan akka duumessa rooba hin qabnne ka bubbe'een dhiibamuuti. Ji'umaa firi'ii tittuu akka muka firiin irratti hin argaminne, akka muka jalaan buqqifameetii fi isaan akka muka yeroo lama du'eeti. Hoomacha gocha isaanii saalifachiisa'aa ka dafiqqan, isaan akka danbalii garba ciisa'aa dallaneeti, dukkantti jimiin bara baraaf akka isaan eeggatuu fi akka urjjiiwwan raanttayaniiti. Addaamiin irraa jala qabee dhaloota torbaffaa ka ta'e Heenok yoo dubbatu akkana jedhee jira, «Kunoo Waaqinni maleyikkoota isaa Qulqullaayomota kuma harka kumaatamaa woliin ta'ee, mara irrattuu murtteessu'uuf ni dhufa, namoota Waaqa hin waaqeffanne saniin irratti waayee waan hamaa raawwataniitiin isaan ni adaba, Waaqinni'llee dhugamattuu kanniin cubbamoota isa hin waaqeffanne irratti, waayee isaan irratti wonittoota dubbatanii maraaf isaanitti ni murtteessa.» Namoonni kunniin yeroo maraa ka guungumanii fi womaanuu ka hin gammanne, fedhii mataa isaanii hamaa ka horddofan, afaan isaanii jecha ufi tuulumma'aatiin ka guuttame, faayiddaa mataa isaanii barbaadu'uuf nama ni shelatan. Isin garuu yaa waahelloota! Ergamittoonni Gooftaa keenna Yesus Kristosii asiin durana dubbii dubbatan yaadadhaa. Isaan, «Bara muumme'ee titti fedhii Waaqaa irraa ka fagaatan, fedhii hamaa mataa isaanii ka horddofan baldditoonni ni dhufan» isaaniin jedhanii turan. Isaan'llee nama ka addaan fooyan, hawwii foonii ka horddofan, Hafuura Qulqulluu namoota hin qabnne. Isin garuu yaa waaheloota, maraa olitti amantii keessan ka Qulqulluu ta'eef mataa keessan ijaaru'uuf hisadhaa, Hafuura Qulqullu'uun'llee himnna isiniif ni kadhadhaa. Gooftaan keenna Yesus Kristos dhiifama isaatiin gara jireenna bara baraatiin akka isin gayuuf eeggachu'uun, mataa keessan jaalala Waaqaa keessatti eeggadha'aanii. Namoota shakkaniif gara laafnna isaanii taasisaa, Tokko tokkoo'llee ibiddaa keessaa baasa'aatii isaan fayyisaa, kaanniinf soda'aan garaa laafa'aafii, ta'u'llee cubbu'uun ka battaaye qaama isaanii uffatuma tuqe'llee, uduu hin hafin jibbaa. Akka hin kufnne ka isin taasisu'uu fi worra ashaa hin qabnne isin taasisee gammachu'uun ulfinna isaa duranatti isin dhiyeessu'uuf ka danda'u, Inni qoftti Waaqa qorichaa keenna ka ta'e karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin, duri irraa jalqabee, amma'llee, bara baraaf'llee ulfinnaa fi gachena, huminnaa fi aangoon isaaf haa ta'u! Ameen. Muldhanni kun yeroo dhiyoo keessatti waan ta'u tajaajilttoota isaa titti akka muldhisuuf ka Waaqinni Yesus Kristosiif kenne, Yesus Kristos'llee maleyikkaa isaa ergee tajaajilaa isaa Yohaannisiif, muldhata kana ni ibiseef. Yohaannis'llee waayee dubbii Waaqaatii fi waayee dhugaa Yesus Kristos barsiisee, akkuma kanaa waayee waan argee mara'llee ragaa ni baye. Kun marrinuu yeroon itti raawwatamu dhiyoo waan ta'eef, dubbii raagaa kana ka dubbisu ka eebbifame! Akkuma kana dubbii raagaa ka dhagayanii fi raagicha keessatti'llee waan barreeffame ka raawwatan, ka eebbifaman. Yohaannisiin irraa woldayoota amanti'ii torbban Asiya'aatiif, Ka jiru, ka turee fi Waaqa dhufu irraa, teessoo duranaa ka jiran hafuurota torbban, akkuma kana du'aa ka'uun hangafa ka ta'e, bitaatii nugusa nugusota arddi'iitii fi akkuma kana du'aa kaiinssaan ka jalqabaa ka ta'e, ka nu jaalatuu fi dhiiga isaatiin cubbuu keenna irraa bilisa ka nu baase, Yesus Kristosiin irraa kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u. Waaqa fi Abbaa Yesus Kristosii akka tajaajilluuf, mootummaa qeesotaa ka nu taasise, Yesus Kristositiif ulfinnii fi huminni, bara haga baraa titti haa ta'u! Ameen. Kunoo duumessa keessaan ni dhufa, namoonni isa woraanan'llee uduu hin hafin naminni marrinuu ni arigaan, ummatoonni arddi'ii marrinuu sababa isaatiin ni booyan, wonitti kun dhuga'a, Ameen. Ka jiru, ka duraan turee, ka dhufu'llee, Waaqinni Gooftaan maraa danda'u, «Alfa'aa fi Omeegaan, ka jalqabaatii fi ka muumme'e'llee anaa!» jedha. Yesus Kristosiin ka rakkinna isaatii fi ka mootummaa isaa, akkuma kana qoodama obissa isaa'llee isin woliin ka ta'e, ani obboleessi keessan Yohaannis, dubbii Waaqaatii fi sababa ragummaa Yesusiitiin hidhamee, eddoolaa Phaaximoo jedhamttu irra ni ture, guyyaa Goofta'aa titti fudhatama Hafuura keessa uduu jiru, qoonqqa xurunbbaa ilaali'ii ka fakkaatu qoonqqa ol aanaa akkana yoo jedhu ni dhagaye, «Waan laala'aa jirttu kana kitaabatti bareessiitii gara woldayoota amanti'ii torbanii, jechu'uun'llee gara Efesoonii, gara gara Semrnees gara Phergamoon, gara Tiyaaxiroonii, Saardeesii, gara Filaadelfiya'aatii fi gara Loodooqiyaa ergi.» Eennu akka natti dubbate beeku'uuf gara duuba kiyyaa ni garagale, yeroo garagaletti'llee baattuuwwan worqqi'ii torbban ni arge, baattuuwwan jiddu'uutti'llee Ilma Namaa ka fakkaatu ni arge, inni'llee haga miila isaa ka gayu uffata dheeraa ka uffate, laphee isaa titti'llee lapheen isaa'llee woraanittillee worqqi'iitiin ka hidhate ni ture. Mataan isaatii fi rifeenissi mataa isaa'llee suufa akka barada'aa fakkaatu adii ni ture, ijji isaa'llee akka arraba ibiddaa ni turan. Miilli isaa'llee akka sibiila diimaa mukukula ibidda keessatti diimatee ni fakkaatan ture, qooniqqi isaa'llee akka qoonqqa fincaayaa bishaan ol aana'aa ni ture. Harka isaa ka mirgaa titti urjjiiwwan torbaa qabatee jira ture, gara lamaaniinuu qara ka qabu biloofnni afaan isaatii ni baya ture, fuulli isaa guutuun ifiinssi isaa akka aduu ifuu ni ture. Yeroo isa argetti'llee akka nama du'ee ta'ee miila isaa jalatti ni kufe, inni garuu harka isaa ka mirgaa narra kaayeeti akkana naan ni jedhe, «Hin sodaatin! Ka jalqabaatii fi ka muumme'ee'llee ana, Ani'llee jiraata'a! du'ee ture, garuu kunnoo, bara baraaf jiraata'a, du'aa fi siiooliin irratti'llee aangoo ni qaba. Eegaa ka argite, ka amma jiruu fi maa'ii ka dhufu'llee barreessi. Harka kiyya ka mirgaa titti ka argite urjjiiwwan torbanii fi dhossaan baattuuwwan worqqi'ii torbanii kana, urjjiiwwan torbban maleyikkoota woldaya amaniti'ii torbaniiti, baattuuwwan torban'llee, woldaya amanti'ii torbban.» Maleyikkaa woldaya Efesoniitiif akkana jedhii barreessi, «Kun urjjiiwwan torbban harka isaa ka mirgaa titti ka qabatee jiruu fi baattuuwwan worqqi'ii torbban jidduu ka dedeebi'u irraa ka dubbatame, Hujii kee, tataaffii keetii fi obissa kee'llee ni beeka, hamaaleyyii garuu isaan obissuu akka hin danda'in, ergamittoota uduu hin ta'in nu'u ergamittoota worra jedhan qorattee dharttoota ta'anii akka isaan arigate ni beeka. Obissaan jajabaattee dhaabachuu keetii fi waayee maqaa kiyyaatiif'llee uduu hin hifatin rakkinna fudhachuu kee'llee ni beeka, garuu waan sitti ashu tokko ni qaba, kun'llee jaalala kee ka duraanii dhiifittee jirta, bakka hagam ol aanaa ta'e irraa kufuu kee'llee yaadadhu! Dhiifaman gara Waaqaa deebi'i! jalqaba ni raawwatta ka turtte hujii kee raawwadhu, kana maraa raawwchuu yoo dhabaatte garuu gara kee ni dhufa, dhiifamaan gara Waaqaa deebi'uu yoo dhabaatte, baatuu kee ka ibisa'aa bakkaa ni kaasan. Garuu ka si galateeffachiisu wonitti tokko ni jira, kun'llee ani ka jibbu hujii worra Niqolaawotaa jibbitee jirta.» «Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu! ‹Injifatee ka moo'uuf jaayinata Waaqaa keessa ka jiru firii muka jireennaa irraa akka nyaatuuf, ni taasisaan.› » Maleyikkaa woldaya Semrineestiif akkana jedhii barreessi, Kun ka jalqabaatii fi ka muumme'ee ka ta'e, du'ee'llee ka turee fi jiraataa ka ta'e irraa ka dubbatame, rakkinnaa keetii fi hiyyummaa kee'llee ni beeka, haa ta'u malee ati dureessa, Yihudota uduu hin ta'in nu'u Yihudota worri jedhan, miseenssa sheexanaa ka ta'an, maqaa kee akka balleessan ni beeka, Ufi durana rakkinna sirraa gayu hin sodaatin, kunoo, akka qormaattamtaniif isin keessaa tokko tokko sheexanni gara mana hidha'aa titti isin ni galcha, guyyaa kudhaniif'llee rakkinna ni fudhattan, haga du'aa titti'llee amanamaa ta'i, gonfata jireennaa siif ni kenna. Hafuurri woldayoota amanti'iitiif waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu! Injifatee ka moo'u du'a lammaffa'aatiin, hin miidhamu. Maleyikkaa woldaya Phergamooniitiif akkana jedhii barreessi, Kun bilaya gara lamaan qara qabu ka qabate ka dubbatame, ati bakka teessoon sheexanaa jiru jiraachuu kee ni beeka, haa ta'u malee maqaa kiyya jabeessitee qabatee jirta, amantii ana irratti qabddu'llee hin waakkanne, ragaa kiyya amanamaa ka ture Antiiphaan'llee, bakka sheexanni jiraatu magaalaa kee keessatti yoma ajjeeffametti'llee, anatti amanuu kee hin dhiifnne. Garuu ka sitti ashu wonittoota tokko tokko ni qaba, kun'llee barsiisa Bla'aamii ka qabatan namoonni tokko tokko jidduu keessan ni jiran, Bala'aamiin kun'llee ummanni Israa'eelii Waaqa harkaan hojjatamaniif ka qalame foon nyaachu'uu fi sagaagala raawwachu'uun akka gufataniif, Balaaqiin ka gorsse. Akkuma kana barsiisa worra Niqolaawotaa namoonni qabatan'llee jidduu keessan ni jiran, kanaaf dhiifamaan gara Waaqaa deebi'i, yoo kana ta'uu dhabaate daddafaan gara kee dhufee akka bilaya ka jiru, dubbii afaan kiyyaa bayuun isaan ni woraanna. «Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu! Injifatee ka moo'uuf mannaa dhoffame irraa'llee ni kennaaf, maqaan haarofinni ka irratti barreeffame dhagaa adii'llee ni kennaaf, ka fudhatu malee kana ka bira'aa eennu'llee hin beekuun.» Maleyikkaa woldaya amantii Tiyaaxirooniitiif akkana jedhii barreessi, Kun arraba ibiddaa ija fakkaatan ka qabu irraa fi sibiila diimaa mukukula ibiddaatiin baqe miila fakkaatan ka qabu, Ilma Waaqaa irraa ka dubbatame. «Hujii kee, jaalala kee, amantii keetii fi tajaajila kee, obissaan dhaabachuu kee'llee ni beeka, hujiin kee ka maa'ii ka duranaa akka caalu'llee ni beeka. Garuu waan si irratti ashu tokko ni qaba, kun'llee, ‹Ani nabiyyitti'i› dubarttii jettu Eelzaabeeliin lashi itti jettee obissiteefii jirtta, isin'llee tajaajilttoonni kiyya akka sagaagalanii fi foon Waaqa harkaan hojjatamaniif qalame'llee akka nyaataniif barsiisu'uun, isaan dogoggorssitee jirtti. Gara Waaqaa titti akka deebituuf yeroo ni kenneef, isiin garuu sagaagala isi'ii irraa gara Waaqaa deebi'u'uuf hin barbaanne. Kanaaf siree sarddamaa irratti isii ni gata, hujii hamaa isii woliin hojjatan irraa dhiifamaan gara Waaqaa yoo deebi'an malee, worri isi'iin woliin sagaagalan mara irrattuu, rakkinna cimaa ni fida. Ijoollee isi'ii'llee du'aan ni adaba, woldayoonni amanti'ii marri'llee yaada namaatii fi hawwii isaa'llee ka qoradhu ana ta'uu kiyya ni beekan, tokkoo tokkoo keessaniif'llee akka hujii keessaniitiin, isiniif ni kenna.» «Tiyaaxiroonii ka jirttan ergaa badaa kana worra hin fudhatin maraaf, akkuma kana tokko tokko, ‹dhossaa sheexanaa ka gad fago'ooti› ka jedhaniin, isin worra hin horddofinitti, fe'aa bira'aa isinitti hin fe'u, ta'u'llee haga ani dhufutti ka qabddan jabeessa'aatii qabadhaa. Injifatee ka moo'uuf hujii kiyya irratti'llee haga muumme'ee titti jabaatee ka dhaabatuuf, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irratti, aangoo ni kennaaf, ‹ulee sibiilaatiin'llee isaan ni bita, akka meeshaa faaraa titti'llee tumee isaan ni bulleessa› aangoon kun'llee ka akka bifa ani Abbaa kiyya irraa fudhadheeti, urjjii bariisa'aa'llee ni kennaaf.» Waan Hafuurri woldayoota amanti'iitiin jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu! Maleyikkaa woldaya amanti'ii ka Saardeesiitiif akkana jedhii barreessi, Kun Hafuuronni torbban Waaqaatii fi urjjiiwwan torbban ka qabate irraa ka dubbatame, hujii kee ni beeka, maqaa keetiin jiraata'a, garuu duutee jirta. Dammaqi, du'u'uuf ka dhiyaatee fi huminna tee shiikkoo si hafitte jirttu jabeessi, Waaqa kiyya duranatti hujiin kee muda maleessa ta'ee hin arganneen. Eegaa barsiisa attamii akka fudhattee fi akka dhageette yaadadhu, eeggadhuun'lle'e, dhiifamaan'llee gara Waaqaa deebi'i, dammaquu yoo dhabaatte garuu akka hattu'uu dimmaa si'itti ni dhufa, saa'aatii kamittu gara kee akka dhufu hin beekittu. Garuu uffata isaanii ka hin batteessin Sardees keessa namoonni muraafnni si'iin woliin ni jiran, isaan uffata adii uffachuun ka isaaniin malu waan ta'aniif, uffata adii uffatanii anaan woliin ni deeman. Injifatee ka moo'u akkuma isaanii uffata adii ni uffata, maqaa isaanii'llee Abbaa kiyyaa fi maleyikkoota isaa duranatti ni beekisisaaf, maqaan worra jiraattotaa itti galmeeffamu kitaaba jireennaa irraa isa hin dhabamsiisuun. Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu! Woldaya amantii Filaadelfiya'aatiif akkana jedhiitii barreessi, Kun Qulqullu'uu fi dhugaallessa ka ta'e, furttuu mana Daawiitii ka qabatee jiru irraa ka dubbatame, ka inni banu eennu'llee hin cufu, ka inni cufu'llee eennu'llee hin banu. Hujii kee ni beeka, eennuu'llee cufu'uuf ka hin dandeenne, balbala baname durana keetiin kaayee jira, huminni kee shiikkoo ta'uu ni beeka, haa ta'u malee dubbii tiyya eegiddee jirta, maqaa kiyya'llee hin waakkanne. Eegaa, Yihudota uduu hin ta'in nu'u Yihudota worra jedhan sanniin miseenssa yaa'ii sheexanaa ka ta'an sobddoonni dhufanii miila kee jalatti akka kufan isaan ni taasisa, akka ani si jaaladhe'llee akka beekan isaan ni taasisa. Obissa ka qabddu ta'i dubbii kiyya ka ani siin jedhe waan eegiddeef ani'llee biyya lafaa irra worra jiraattan qormmaatu'uuf arddii mara irratti saa'aatii rakkinni dhufu irraa si ni eega. Kunoo dadafaan ni dhufa, gonfaan kee eennu'llee isii irraa akka hin fudhanneef, ka qabddu jabeessiitii qabadhu. Injifatee ka moo'u utubaa Mana Waaqeffannaa Waaqa kiyyaa isa ni taasisaan, achii'llee gonkumaa hin bayu, maqaa Waaqa kiyyaatii fi maqaa magaalaa Waaqa kiyyaa isa irratti ni barreessa, magaalaan tun'llee sami'ii Waaqa kiyya biraa ta buutu, Yerusaalemii haarofititti'i, maqaa kiyya haarawa'llee isa irratti ni barreessa. «Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu!» Maleyikkaa woldaya amantii Loodooqiya'aatiif akkana jedhii barreessi, Kun Ameenii ka ta'e, amanama'aa fi ragaa dhugaalessa ka ta'e irraa, uumama Waaqaa maraaf argama ka ta'e irraa ka himame, hujii kee ni beeka, ati qabbanaayaa yookiin oo'a miti, qabbanaayaa yookiin oo'a taatee uduu jiraateetii, mishaa ni ta'a ture! Qabbanaayaa yookiin oo'a uduu hin ta'in ka gunshuurtte waan taateef, afaan kiyyaa baasee si tufu'uuf, ani dureessa, qabeenna baayi'ee ni qaba, wonitti natti dhidhatu womaayyuu hin jiran ni jetta, garuu miidhamaa, gad aanaa hiyyeessa, jaama'aa fi ka qullaa jirttu ta'uu kee hin beekittu, Dureessa ta'u'u'uuf ibiddaan ka qoratame worqqii ana irraa akka bituuf, qaama kee ka qaani'ii dhoffachu'uuf uffata adii akka uffattuuf, argu'uuf'llee akka danddeettu qoricha ijaa bittee akka dibattuuf si gorssa. Ani worra isaan jaaladhu marattuu ni baanadha, isaan'llee ni adaba, kanaaf dammaqi, dhiifamaan gara Waaqaa'llee deebi'i, kunoo! Ani balbala dhaabadhee ni dhadhaya, eennu'llee qoonqqa kiyya dhagayee balbala yoo naaf bane, gara isaa aseenee isa woliin ni nyaadha, inni'llee ana woliin ni nyaata, Ani injifadhee moo'ee, Abbaa kiyya woliin teessoo isaa irra akkuma taa'e, akkuma kana injifatee ka moo'e, anaan woliin teessoo kiyya irra akka taa'u ni taasisaan. «Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu, haa dhagayu.» Kanaan duubatti ni laale, kuunoo sami'itti balbala banametu jira ture, Jalqaba dhagayee ka ture qooniqqi akka qoonqqa xurunbbaa laali'ii jiru akkana ni jedhe, «Koottuu garana bayi, ufidurana ta'uuf wonittoota qaban sitti ni mulidhisa» bakkumatti yaada Hafuuraa keessa ni aseene, kunoo sami'itti teessoon ni arge, teessoo irra'llee qaaminni tokko taa'ee ni jira ture. Teessoo irra taa'ee ka ture bifitti isaa, dooqa Yaasphisiitii fi Saardiyonii ni fakkaata ture, akkuma kana naannaya dooqa Sardiinoosii funyaan karaabaa ka fakkaatu dooqa Maaragidii ka fakkaatu funyaan karaabaa ni ture, akkuma kana naannaya teesso'oo'llee teessoowwan diddamii afurii ni jiran turan, teessoowwan irra'llee uffata adii ka uffatanii fi mataa isaanii irratti'llee gonfata worqqi'ii ka godhatan, jaarsotiin didamii afurii ta'anii jiran turan. Teessoo irraa'llee qooniqqa bakakka'aatii fi hangaasu'uu'llee ni bayan turan, teessoo durana'llee ka bararan xomborraawwan torbaa ni jira turan, isaan'llee hafuurota torbban Waaqaati. Teessoo isaa durana qulqulluu ka ta'ee fi ka garbi ciisaan daawi'ite'ee ka calaqisu ni jira ture, jiddu'uu fi naannaya teesso'oo duraaf gara duubaatiin ija baayi'ee ka qaban bineensonni, afurii ni jiran turan. Bineenssi jalqabaa leencca ni fakkaata ture, lammaffaa qotiyyoo ni fakkaata ture, sadaffaan fuula namaa fuula fakkaatu ni qaba ture, arffafaan'llee risaa bararu ka fakkaatu ture. Bineensonni arffanuu tokkoon tokkoon isaanii koola jaha ni qaban turan, naannoo isaaniitii fi keessa isaanii titti'llee, ijoonni itti guutanii jiran, halkanii fi guyyaa, «Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu, Waaqa Gooftaa mara danda'u, ka ture, ka jiruu fi ka dhufu'llee, jechuu addaan hin kutan turan.» Bineensonni ka teessoo irra taa'ee fi baraa haga baraa titti ka jiraatuuf, ol aanttummaan, ulfinnaa fi galata yeroo dhiyeessan marattuu, jaarsotiin didamii afurii baraa haga bara baraa titti ka jiraatuun, teessoo isaa irra ka taa'e jiru duranatti kallacha isaaniitiin gonbbifamanii ni sagadan, gonfatawwan isaanii'llee teessoo isaa durana kaayanii, akkana ni jedhan. «Gooftaa keennaa fi yaa Waaqa keenna, waan maraa waan uumitteef, wonitti marrinuu ka uumamee fi ka jiraatu (jireenna ka argate) fedha keetiin waan ta'eef, ol aanttummaan, ulfinnii fi huminniti'llee si'iif ni male» ni jedhan turan. Harka mirgaa ka teessoo irra taa'eetiin, keessaa fi duubaan ka irratti barreeffame, chaapphaa torbaan ka cufame, kitaaba kaldho'oo maramaa ni arge, maleyikkichi cimaan tokko qoonqqa ol aana'aan, «Chaaphaawwan hiiku'uu fi kitaaba maramaa koldho'oo banuun ka isaan malu eennu?» jedhee, yoo dubbatu ni arge. Garuu sami'itti ta'ee ardi'itti yookiin ardi'ii gaditti'llee, kitaaba maramaa kaldho'oo banu'uu fi keessa isaa laaluu ka danda'ameef, eennu'llee hin turre. Kitaaba kaldho'oo maramaa banu'uu fi keessa isaa'llee laaluun ka isaan male waan hin argaminiif, haalaan ni booye, yeroo sanitti'llee jaarsotii keessaa tokko, «Hin booyin, kunoo gara gosa Yihuda'aatii ka ta'e, gaalee dhaloota Daawiitii irraa leenicci ka'e, injifatee moo'ee jira, inni kitaabcha kaldho'oo maramaa fi chaaphawwan torbban banu'uuf ni danda'a» naan jedhe. Kanaan duubatti teessoo isaatii fi bineensota arfan jiddu'utti, jaarsotii jiddu'utti'llee Hoolaan waan qalame fakkaatu dhaabatee ni arge, Hoolaan kun'llee gaafota torbaa fi ija torba ni qaba ture, isaan'llee gara arddi'ii mara ka ergaman Hafuurota Waaqaa torbban. Hoolchi'llee dhufeeti ka harka mirgaa ka teessoo irra taa'e irraa, kitaaba maramaa kaldho'oo ni fudhate, kitaaba kaldho'oo maramaa yeroo fudhatetti, bineensonni arffanii fi jaarsotiin diddamii arffanuu Hoolicha duranatti kallacha isaaniitiin ni gonbbifaman, tokkoon tokkoon isaanii'llee kiraara guddaa qabatanii jiran turan, akkuma kana kadhannaa Qulqullu'uu ka ta'e, ixaanni ka itti guuttamee jiru gilgilii worqqi'ii qabatanii jiran turan. Faarfannaa haarawa'llee akkana jedhu'uun ni faarssan, «Dhiiga keetiin gosa maraa fi afaan mara irraa, gosaa isaanii mara irraa fi ummata mara keessaa, namoota Waaqaaf bitu'uuf, ati waan qalamitteef, kitaaba kaldho'oo maramaa fudhachu'uu fi chaaphaawwan'llee banu'uuf, ka siin male taatee jirta. Waaqa keennaaf'llee mootummaa qeesotaa, akka ta'aniif isaa taasfittee jirta, arddii irratti'llee ni mootoman.» Garasi'llee yoo laalu teesso'oo fi bineensota, naannaya jaarsota'llee qoonqqa maleyikkoota baayi'e'ee ni dhagaye, baayi'nni isaanii'llee kuma baayi'e'ee fi miliiyoona baayi'e'etti ka lakkaayamu ture, Qoonqqa ol aana'aan'llee, Hoolaan qalame, huminna, qabeenna, ogummaa, jabeenna, ol aanttummaa, ulfinnaa fi galata fudhachuun, ka maluun ni jedhan. Sami'ii fi ardi'itti, ardi'ii gadii fi garba ciisaa keessa isaanii titti uumaminni marri'llee, «Ka teessoo irra taa'ee fi Hoolichaaf'llee, galata, ol aanttummaa, ulfinnii fi huminni'llee, baraa haga baraa titti haa ta'u!» yoo jedhan, ni dhagaye. Bineensonni arfan'llee, «Ameen!» ni jedhan, jaarsotiin'llee kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, ni sagadan. Kanaan duubatti Hoolchi chaaphaawwan torbban keessaa ka jalqabaa yoo banu ni arge. Bineensota arfan keessaa'llee tokkochi qoonqqa akka hangaasu'uu qoonqqa gigissuun, «Koottu!» yoo jedhu, ni dhagaye. Kunoo fardda adii ni arge, ka farda irra taa'ee jiru'llee xiyyaa qabatee jira ture, gonfataan'llee ni kennameef, inni'llee injifataa ta'ee moo'aa injifanno'oo gara injifanno'oo titti, deemu'uuf ni baye. Hoolichi chaaphaa lammaffaa yeroo banetti, bineenssi lammaffaa, «Koottu!» yoo jedhu, ni dhagaye. Ka bira'aa farddi diimaan ifaan ni baye, ka farda yaabbate nagaya arddii irraa akka dhabamisiisuu fi namoonni ufii isaaniitii akka wol fixan taasisu'uuf aangoon ni kennameef, biloofinni guddaan'llee ni kennameef. Hoolichi chaaphaa sadaffaa yeroo banetti bineenssi sadaffaa, «Koottu!» yoo jedhu ni dhagaye, kunoo farda gurraacha ni arge, ka farda yaabbate'llee meeshaa ulfaatinna ittiin madaalli'ii harka isaa titti qabatee jira ture. Bineensota arfan jiddu'uu waan baye ka fakkaatu qooniqqa ni dhagaye, qoonni kun, «Qamadii kiilogiraam tokko gayu mindaa guyyaa tokkoo, garbuu kiloo tokko gayu mindaa guyyaa tokkootiif haa ta'u, zayiiti'ii fi woyinnii garuu hin miidhin!» yoo jedhu, ni dhagaye. Hoolichi chaaphaa arfaffaa yeroo banetti qooniqqi bineenssa arfaffaa, «Koottu!» yoo jedhu ni dhagaye, Kuunoo farda hamara ni arge, ka farda yaabbatee jiru'llee maqaan isaa du'a ni jedhama ture, siiooli'llee isa ni horddofaan ture, du'aa fi siiooli'llee harka afur keessaa harka tokkoo arddi'ii lolaan, beelaan, dhibe'ee fi bineensota arddi'iitiin akka ajjeesaniif, aangoon isaanii ni kennameef. Chaaphaa shanaffaa yeroo itti banametti, waayee dubbii Waaqaatii fi waayee ragummaa isaan kennaniitiif, lubbuuwwan namoota ajjeefamanii furddaa gaditti ni arge, Isaan'llee qoonqqa ol aana'aan, «Qulqullu'uu fi dhugaalessa, yaa Waaqa jiraataa, namoota arddii irra jiran irratti ka hin murtteesine fi waayee dhiiga keennaatiif'llee haloo ka hin baanne, haga yoomii titti!» jedha'aa ni iyye. Tokkoo tokkoo isaaniitiif'llee uffanni adiin ni kennameef, akka isaanii ufi durana ka ajjeefaman, kuma isaanii tajaajilttoota ka ta'an waahellan isaaniitii fi laakkofssi obboleeyyan isaanii haga guututti, yeroo muraasaaf boqatanii akka turaniif isaanitti ni himame. Kanaan duubatti Hoolichi chaaphaa jahaffaa yeroo banetti gara isaa ni laale, kunnoo sochiin arddi'ii ol aanaan ni ta'e, aduun akka uffata gurraacha gaddaa titti ni gurraachoftte, jiin marri'llee akka dhiigaa titti ni diimatte, Ji'oota gannaatiin bubbeen cimaan muka harbbu'uu yoo sochoosu akkuma firiin isaa muka irraa harca'utti, urjjiiwwan sami'ii'llee ni harca'an. Samiin'llee akka kitaaba kaldho'oo titti mamaramee ni dhabamsiifame, gaarotaa fi eddoolaan marri'llee bakka isaaniitii ni fudhataman. Nugusonni arddi'ii, bulchitoonni, itti gaafatamoonni woraanaa, dureessitoonni, jajaboonni, tajaajilttootaa fi goofttonni marri'llee, godootaa fi gaarotaa keessatti ni dhokatan, Gaarotaa fi dhagaayyi'iin'llee, «Nu golgaa! Ka teessoo irra taa'een duranaa irraa fi dheekkamssa Hoolichaa jalaa'llee nu dhossaa! Guyyaan ol aanaan dheekkamssaa dhufee jira, eennutu obissee isa durana dhaabachu'uuf uggee ree?» isaaniin ni jedhan. Kanaan duubatti maleyikkoonni afurii kallattii arfan arddi'iitiinuu dhaabatanii ni arge, isaan'llee arddii irra'llee ta'ee garba ciisaa yookiin muka irratti'llee bubbeen woyiituu akka hin bubbifnneef, kallattii arfaniinuu ka dhufan bubbeewwan ariddi'ii ni qaban. Chaaphaa Waaqa jiraata'aa ka qabatee jiru maleyikkaan bira'aa'llee gara baya adu'uutii yoo dhufu ni argge, arddi'ii fi garba ciisaa akka miidhaniif gara isaan aangoon kennameefii gara maleyikkoota arffanii qooniqqa isaa ol fudhatee, «Kallacha tajaajiltoota Waaqa keennaa irratti chaaphaa haga isaanitti chaaphessinutti, arddii ta'ee garbi ciisa'aa'llee yookiin mukkiin hin miidhinaa» jedhe, ni iyye. Laakkofssa namoota chaapheffamanii'llee ni dhagaye, gosoota Israa'eelii mara keessaa laakkofssi namoota chaapheffamanii, kuma dhibbaa fi afurtamaa ni ture. Gosa Yihuda'aa keessaa ka chaapheffaman kuma kudha lama, gosa Robeelii keessaa kuma kudha lama, gosa Gaadii keessaa kuma kudha lama, gosa Aseerii keessaa kuma kudha lama, gosa Niftaalemii keessa kuma kudha lama, gosa Minaase'ee keessaa kuma kudha lama, gosa Simoonii keessaa kuma kudha lama, gosa Leewi'ii keessaa kuma kudha lama, gosa Yisaakoorii keessaa kuma kudha lama, gosa Zaabiloonii keessaa kuma kudha lama, gosa Yooseefii keessaa kuma kudha lamaa fi gosa Biiniyaamii keessaa'llee, kuma kudha lama ni turan. Kanaan duubatti ni laale, namoota haalaan baayi'e'ee ni arge, isaan'llee ummataa fi gosa maraa, worraa fi afaan adda addaa ka dubbatan irraa kan wolitti bayan ni turan, isaan kun uffata adii uffatanii, baala muka meexxi'ii harka isaanii titti qabatanii, teessoo isaatii fi Hoolicha durana dhaabatanii jiran ni ture, qoonqqa ol aana'aan iyyaa'llee, «Fayyisiinssi ka teessoo irra ka taa'ee jiru, Waaqa keennaaf Hoolichaati!» ni jedhan ture. Maleyikkoonni marri teessoo isaatii fi jarsotii, bineensota arfan naanaya'llee dhaabatanii jira ture, teessoo isaa duranatti'llee kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, Waaqaaf ni sagadan. Akkana'llee ni jedhan, «Ameen farfannaa, ol aanttummaa, ogummaa, galataa fi ulfinni, humnnitii fi jabeenni'llee, Waaqa keennaaf, baraa haga baraa titti haa ta'u! Ameen.» Jaarsotii keessaa tokko gara kiyya deebi'ee, «Kunniin uffata adii ka uffatan eennu fa'a ree? eessaa'llee dhufan?» naan jedhe. Ani'llee, «Yaa Gooftaa, ati ni beekita» ni jedheen. Inni'llee akkana naan jedhe, «Kunniin rakkinna ol aanaa bira dabrranii worra dhufan, uffata isaanii'llee diiga Hoolichaatiin miicanii, adii taasisaanii jiran. Kanaaf teessoo Waaqaa durana ta'anii halkanii fi guyyaa, Mana Waaqeffanna'aa titti isa ni tajaalilaniin, ka teessoo irra taa'e'llee gaadisa isaanii ni ta'a. Ammaa achitti hin beelayan, hin dheebotan, aduun'llee isaan hin dhoofittu, oo'i'llee isaan hin argatuun, teessicha jidduu Hoolichi jiru'llee tissee isaanii ni ta'a, gara burqqaa bishaan jireennaa'llee isaan ni eemara, Waaqinni'llee imimmaan isaanii mara ija isaanii irraa, isaaniif ni haqa.» Hoolichi caaphaa torbaffaa yeroo banetti haga wolakkaa saa'aati'iif sami'itti caldhisiinssi ni ta'e, Waaqa durana ka dhaabatan maleyikkoota torban'llee ni arge, isaaniif'llee xurunbbaawwan laali'ii torbban ni kennamaniif. Girgiraa worqqi'ii ka qabatee jiru maleyikkaan bira'aa dhufeeti, furdda biraan ni dhaabate, teessoo duranaan ka jiru furdda worqqi'ii irratti'llee, kadhannaa Qulqullu'uu woliin ka dhiyeessu ixaanni baayi'een ni kennameef. Aarri ixaanaa kadhannaa Qulqullu'uu woliin harka maleyikkichaatii, gara durana Waaqa titti ni baye. Kanaan duubatti maleyikkichi girgiraa qabatee furidda irraa ibidda itti guutee gara arddi'ii ni darbbeen, qoonqqa hangaasu'uu, bakakka'aa fi sochiin arddi'ii'llee ni ta'e. Xurunbbaawwan laali'ii torbaa malayikkoonni qabatanii jira, xurumbbaawwan isaanii ka laali'ii afuufu'uuf ni qophaayan. Maleyikkaan jalqabaa xurunbbaa isaanii ka laali'ii ni afuufe, barada'aa fi dhiiginni ka itti wolitti makame ibidda ni ta'e, gara arddi'ii titti'llee ni gatame, harka sadihi keessa harki tokkoon arddi'ii ni gubate, mukkiin keessaa'llee harka sadihi keessaa harki tokko ni gubate, margi lalise marri'llee ni gubate. Maleyikkaan lamaffaa'llee xurunbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, gaara guddaa wonitti fakkaatu bobaya'aa gara garba ciisa'aa titti ni gatame, harka sadihi keessaa harki tokkoon garba ciisa'aa'llee diigaa ni ta'e, garba ciisaa keessa ka jiraatan uumamittoota lubbuu qaban keessaa'llee harka sadihi keessaa harki tokko ni du'an, harka sadihi keessa harki tokkoon dooniiwwanii'llee ni dhabame. Maleyikkaan sadaffaa'llee xurunbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, urjjiin ol aanaan akka xomborra'aa titti gubatu'llee sami'ii ni kufe, ka kufe'llee harka sadihi keessaa harka tokkoo laggiin irrattii fi burqaawwan bishaanii irratti. Maqaan urjjichaa'llee «Hadheeso» ni jedhama, harka sadihi keessaa harki tokkoon bishaanii'llee hadhaayaa ni ta'e, waayee bishaan hadaayaa ta'eetiin'llee, namoonni baayi'een ni du'an. Maleyikkaan arfaffaa xurunbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, harka sadihi adu'uu keessaa harki tokko, harka sadihi ji'aa keessaa harki tokko, harka sadihi urjji'ii keessaa harki tokko ni dhayame, kanaaf isa keessaa harka sadihi keessaa harki tokko ni dukkanaaye, bifa kanaan guyya'aa keessaa harki tokkoon guyya'aa, ifa malee ni ta'e. Kanaan duubatti yoo laalu risaan tokko samii irra barara'aa qoonqqa ol aana'aan, «Maleyikkoonni hafan sadiin qoonqqa guddaa xurunbbaa isaanii ka ilaali'iitiin yeroo dhageessisanitti, namoota arddii irra jiraatan isaanii uunsha'a! uunsha'a! uunsha'a!» jedha'aa, yoo iyyu ni dhagaye. Maleyikkaan shanaffaa xurubbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, kunoo sami'ii gara ardi'ii ka kufe urjjii tokko ni arge, furttuun boolla gad fago'oo'llee ni kennameef. Inni boolla gadi fagoo ni bane, aarri'llee akka aara ibidda ka guddaa ol aana'aa bayuu ta'ee boolla gadi fagoo keessaa ni baye, waayee aara boollaa bayeetiin'llee adu'uu fi samiin ni dukkanaayan. Aara keessaa'llee awaannisoonni arddii irratti ni bayan, huminna qaajjibuuwwan arddi'ii ka fakkaatu'llee isaaniif ni kenname, Marga arddi'ii ta'ee wonittoota lalise kamiinuu yookiin muka kamiinuu akka hin miineef isaanitti ni himame, miidhuun ka qaban garuu kallacha isaanii irratti chaaphaa Waaqa namoota hin qabnne qofa ture. Isaan'llee yoo ta'e ji'a shaniif isaan makkaraarsu'uuf malee ajeesu'uuf eeyyamnni hin kennamnneef, awaannisoonni makkaraarnni isaan irra gayan ka akka qaajjibbuun yoo nama iddituu titti ka namatti dhagayamuut. Guyyoota sanniinitti namoonni du'a ni barbaadan garuu hin argataniin, du'u'uuf'llee ni hawwan, garuu duuti isaan irraa ni dheessa. Awwaannisoonni'llee faradoo woraanaaf qophaayan ni fakkaatan turan, mataa isaanii irra waan gonfaan worqqi'ii fakkaatutu jira ture, fuulli isaanii fuula namaa ni fakkaata ture, rifeenissa mataa dubartti'ii ka fakkaatu rifeenissa ni qaban turan, ilkaan isaanii'llee ilkaan leenccaa ni fakkaata ture. Uffata sibiilaa ka fakkaatu uffata woraanaa ni qaban turan, qooniqqi koolota isaanii, gara bakka woraanaa titti ka gulufan mishaawwan farado'oo fi qooniqqa mishaa farado'oo baayi'e'ee, qooniqqa dhageesisan ni fakkaata ture. Akka eegee qaajjibbu'uu titti waan ittiin iddan ni qaban ture, eegee isaanii keessatti namoota ji'a jahaaf huminna ittiin miidhan, ni qaban turan. Nugusa'llee ni qaban turan, inni'llee maleyikkichaa boolla gad fago'oo, maqaan isaa'llee afaan worra Ibirootaatiin, «Abaadoon», Giriki'iin ammoo, Apholiyon jedhama. Uunisha'aan jalqabaa dabrree jira, kunoo kanaan duubatti uunishaan bira'aa lama ufi durana ni dhufa. Maleyikkaan jahaffaa xurubbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, kunoo, Waaqa duran ka jiru furdda worqqi'iin hojjatame, gara kallattii arfan furddootaatiin, qooniqqi yoo bayu ni dhagaye. Qooniqqi isaa'llee xurunbbaa isaa ka laali'ii ka qabate maleyikkaan jahaffaa, «Laga ol aanaa Efraaxiisii titti ka hidhaman, maleyikkoota arfanii isaan hiiki!» ni jedheen. Saa'aatii kanaa fi guyyaa kanaaf, ji'a kanaa fi woggaa kanaaf ka qophaayan maleyikkoonni arfan, fiixaa namaa harka sadihi keessaa harka tokko akka ajjeesaniif, ni hiikaman. Baayi'inni hoomaa worra farado'oo miliiyoona kuma dhibba lama ta'uu isaa, ni dhagaye. Farado'oo fi faradoo irra namoota taa'an muldhataan ka isaan arge akka itti aanee jirutti ture, uffanni sibiilaa ka laphee isaanii irra ni jira ture akka mukukula ibiddaa diimaa, akka gurraacha yaakiniitii sami'ii, akka dinni'ii boora ni fakkaata ture, mataa farado'oo'llee mataa leenccaa ni fakkaata ture, afaan isaaniitii'llee ibiddaa fi aarri dinniini'llee ni baya ture, Ibidda afaan isaaniitii baasaniin, aaraa fi dinni'iin, balaawwan kanniin sadiin kanaan, fiixaan ilma namaa harka sadihi keessaa harki tokko ni ajjeefame. Huminni farado'oo afaan isaaniitii fi eegee isaanii irra ture, eegeen isaanii'llee bofa ni fakkaata mataa bofaa'llee ni qaba, nama'llee ka miidhan isaan ture. Balaawwan kanniiniin du'a irraa ka hafan fiixaan ilma namaa hujii harka isaanii irraa dhiifamaan gara Waaqaa hin deebine, jinniiwwanii fi worqqii, meeta, sibiila diimaa, dhaga'aa fi muka irraa ka hojjataman laaluu yookiin dhagayuu, yookiin waaqolee harkaan hojjataman ka deemu'uuf hin dandeenne, waaqeffachuu'llee hin dhiifnne. Akkuma kana lubbuu ajjeefttummaa isaanii, falfaalaa isaanii, sagaagalttummaa isaaniitii fi hattummaa isaanii irraa gara Waaqaa titti hin deebine. Kanaan duubatti duumessa ka uffate maleyikkichi cimaan bira'aa sami'ii yoo bu'u ni arge, nannoo mataa isaa funyaan karaabaa ni jira ture, fuulli isaa akka adu'uu, miila isaa'llee akka utubaawwan ibiddaa ni turan, kitaaba banamtte diqqoo kaldho'oo maramttuu harkatti qabatee jira ture, miilli isaa ka mirgaa garba ciisaa irra, miila isaa ka bita'aa'llee arddii irra ni kaayate, Qoonqqa leencca aaduu ka fakkaatu qoonqqa ol aana'aan ni iyye, yeroo iyyetti'llee bakakkaawwan torbanuu qoonqqa isaanii ni dhageesisan. Bakakkaawwan torbban qooniqqa isaanii yeroo dhageesisanitti ani barreessu'uuf ni yaade, garuu, «Bakakkaawwan torbanuu waan dubbatan cufiitii dhossa'aa qabi malee hin barreessiniin!» qooniqqa jedhu, sami'ii ni dhagaye. Kanaan duubatti garba ciisa'aa fi arddii irra dhaabatee maleyikkichi arge harka isaa ka mirgaa gara sami'ii ol qabeet, baraa haga baraa titti ka jiraatuun, sami'ii fi wonittoota isa keessa jiran, arddi'ii fi wonittoota isii keessa jiran, garba ciisa'aa fi wonittoota isa keessa jiran maqaa Waaqa uumeetiin kakatee akkana ni jedhe, «Ammaa achitti hin turu! Garuu maleyikkichi torbaffaa guyyaa xurunbbaa itti dhageesisanitti, akkaataa nabiyyoota isaa tajaajilttoota isaanitti beekisiseetiin, Waaqinni dhossaa isaa ni raawwatama.» Kanaan duubatti sami'ii qooniqqi dhagaye, «Garba ciisa'aa fi arddii irratti harka maleyikkicha dhaabatee irra ka jiru, kitaaba kaldho'oo maramaa deemiitii fudhadhu!» jechu'uun deebisee natti ni dubbate. Gara maleyikkichaa'llee dhaqee, «Kitaaba shiikkittii maramttuu kaldho'oo naaf kenni» ni jedheen, «Inni'llee fudhadhuutii nyaadhuun, garaa kee keessatti hadhaayaa ni taati, afaan keetitti garuu akka dammaa titti ni mi'ooftti» naan jedhe. Ani'llee kitaabattii maramttuu shiikkittii kaldho'oo maramaa harka maleyikkichaatii fudhadhee ni nyaadheen, afaan kiyyatti'llee akka dammaa titti natti ni mi'ooftte, eegaa nyaadheen duubatti garuu garaan kiyya hadhaayaa ni ta'e. Kanaan duubatti, «Waayee gosoota baayi'e'eetiif, ummatootaa fi waayee namoota afaan adda addaa dubbataniitii fi waayee nugusotaa'llee, irra deebitee raaga dubbachuu ni qabdda!» jedhamee, natti ni himame. Kanaan duubatti ulee akka bikkiinssaaf tajaajililuu ka ooyya'aa tokko naaf ni kenname, akkana'llee ni jedhame, «Ka'i, Mana Waaqaa ka Waaqeffanna'aatii fi furdda isaa'llee bikki, worra achitti Waaqeffatan'llee laakkayi, Mana Waaqeffanna'aatiin ala ka jiru bakka duwwaa garuu dhiis, inni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef ka kenname waan ta'eef hin bikkin, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne'llee magaalaa Qulqullittii, ji'oota afurtamii lamaaf ni dhitaniin, ragaan kiyya lamaan uffata gaddaa uffatanii guyyaa kuma tokkoof dhibba lamaa fi jahaatamaa raaga akka dubbataniif, huminna isaaniif ni kenna.» Isaan Gooftaa arddi'ii durana ka dhaabatan mukkiin ejerssaa lamaanii fi baatuuwwan ibisa'aa lamaan, eennu'llee isaan miidhu'uuf yoo barbaade ibiddi afaan isaaniitii bayee diinnota isaanii ni guba, isaan miidhu'uuf ka barbaadu marrinuu ka du'u bifa kanaan. Isaan raaga ka itti dubbatan guyyoota kanniintti roobinni akka hin roobinneef samii cufu'uuf aangoo ni qaban, akkuma kana bishaanota gara dhiigaa titti jijjiiru'uu fi yeroo barbaadan yeroma kamittuu, balaa bifa kamiitiinuu arddii dhayu'uuf aangoo ni qaban. Ragummaa isaanii eega xumuraniin duubatti bineenssi boolla gad fago'oo keessaa bayu, isaaniin woliin wol woraanee isaan ni injifata, isaan'llee ni ajjeesa. Reeffi isaanii waamiinssa fakkeennumma'aatiin Sodoom yookiin Gibxi ka jedhamttu bakka yaa'ii magaalaa ol aanttu'utti ni irkifama, magaalattiin tun'llee ta Gooftaan isaanii itti fannifame. Worra adda addaatiif gosoota, afaan adda addaa dubbattootaatii fi ummattoonni, guyyaa sadihii fi wolakka'aaf reeffa isaanii ni laalan, reeffi isaanii akka hin awwaalaminneef'llee ni dhoogan. Nabiyyoonni lamaan kunniin namoota arddi'ii sarddamisiisanii waan turaniif, namoonni arddii irra jiraatan marrinuu du'a nabiyyootaatiin ni gammadan, gammachu'uun'llee aayyaana ni qopheessan, kennaa'llee wol ni jijjiiran. Garuu guyyaa sadihii fi wolakkaan eega dabrreen duubatti hafuurri jireenna kennu Waaqaa keessaa bayee gara reeffotaa titti ni aseene, miila isaaniitiin'llee ni dhaabatan, namoonni isaan argan'llee haalaan ni sodaatan. Kanaan duubatti nabiyyoonni lamaan, «Garana gara olii ni bayaa!» qoonqqa jedhu ol aanaa sami'ii ni dhagayan, uduma diinonni isaanii isaan laalan'llee, duumessa keessa gara sami'ii ol ni bayan. Saa'aatima sanitti sochiin arddi'ii ol aanaan ni ta'e, harka kudhan keessaa harki tokkoon magaalatti'ii'llee ni diigame, sababa sochii arddi'iitiin'llee namoonni kuma torbaa ni du'an, du'a irraa ka haalaan'llee haalaan ni sodaatan, Waaqa sami'ii'llee ni kabajatan. Uunisha'aan Lammaffaa dabrre jira, kunoo uunisha'aan sadaffaa dadafaan ni dhufa. Maleyikkaan torbaffaa'llee xurumbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, sami'itti'llee, «Mootummaan biyya lafaa ka Masihicha Waaqa Gooftaa keennaa taatee jirtti, inni baraa haga baraa titti ni mootoma» ka jedhan qooniqqi ol aanttonni ni dhagayaman. Waaqa duranatti teessoowwan isaanii irra ka taa'an jaarsotiin diddamii arffan'llee kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, Waaqaaf ni sagadan, akkana'llee ni jedhan, «Ka jirttuu fi ka duraan turtte, Maraa ka dandeettu yaa Waaqa Gooftaa! aangoo kee guddaa harka kee keessa waan taasfittee fi waan mootomteef, si ni galateeffanna. Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ni dallanan, dheekamssuun kee'llee ni dhufe, worri du'an yeroon murtii itti argatan'llee ni gaye, tajaajilttoota keetiif nabiyyoota keetii fi, qulqullaawota maqaa kee ka kabajaniif, maandhotaa fi hangafootaaf'llee, yeroo ati gatii isaanii itti kennitu ni gaye. arddii worra balleessan yeroon itti balleesitu, ni gaye.» Samii ka jiru Manni Waaqaa ka waaqeffanna'aa'llee ni baname, taabonni isaa ka waada'aa'llee Mana Waaqeffanna'aa keessatti ni mulidhate. Bakakkaa, qoonqqa manddiisu'uu, sochii arddi'iitii fi baradaan ol aanaan'llee ni ta'e. Kanaan duubatti ol aana'aa fi malakanni dinqisiisaan sami'itti ni muldhate, aduu ta uffatte, ji'a miila isi'ii jalaan ta taasfatte, urjjiiwwan kudha lamaa akka gonfataa mataa isi'ii irratti ta godhatte, dubarttiin takka ni muldhatte. Isiin'llee ulffa ni turtte, dayu'uuf'llee ciniinsuun qabddeenii sarddamittee ni iyyiti turtte, Akkuma kanaan'llee malikanni bira'aa sami'itti ni muldhate, mataawwan torbaa fi gaaffota kudhanii ni qaba ka ture, xaraan diimaan guddaan ni muldhate, mataawwan isaa irratti'llee gonfatawwan torbaa isaa irra'llee kaayatee jira ture, Eegee isaatiin harka sadihi keessaa harka tokkoo urjjiiwwanii sami'ii harkisee gara arddi'ii isaan ni gate, dubarttiin yeroo deetutti ilma isi'ii liqimssu'uuf yaadee, xaraan gara dubarttii dayu'uuf dhiyaatee durana isi'iitiin ni dhaabate, dubarttiin'llee ummata mara ulee sibiilaatiin ta bitu ilma dhiiraa ni deette, ilmi isi'ii garuu gara Waaqaatii fi gara teessoo isaa titti ni fudhatame, dubarttiin'llee gara lafa gammoojji'ii titti dheessitee ni deemitte, achitti'llee guyyoota kuma tokkoof dhibba lamaaf jahaatamaa kunuunssa'aan qabamttee, bakki itti eeggamttu Waaqinni qopheesseefii jira ture. Sami'itti'llee woraanni ni ka'e, Mikaa'elii fi maleyikkoonni isaa xara'aan woliin wol ni woraanan, xara'aa fi maleyikkoonni'llee deebisanii wol ni woraanan. Maleyikkoota isaa woliin'llee wol ni woraanan, garuu xara'aa fi maleyikkoonni isaa'llee ni injifataman, saniin duubatti'llee sami'itti bakki isaaniif hin argaminne. Xaraan ol aanaan'llee gara gadii ni gatame, inni'llee arddii mara ka dogoggorssiisu daabiloos yookiin sheexana jedhamee ka waamamu, bofa duraaniiti. Inni gara arddi'ii gadi ni gatame, maleyikkoonni isaa'llee isa woliin gadi ni gataman. Kanaan duubatti qooniqqi ol aanaa tokko sami'ii akkana yoo jedhu ni dhagaye, «Kunoo fayyisummaan, huminni, mootummaan'llee ka Waaqa keennaa ta'ee jira! Aangoon ka Mashichaa ta'ee jira! Obboleeyyan teenna Waaqa keenna duranatti halkanii fi guyyaa ka isaan ni saaxila ture, himataan obboleeyyan teennaa gatamee jira, isaan diiga Hoolichaatii fi jecha ragumma'aa ka dubbataniin isa injifataniinii jiran, lubbuu isaaniitiif'llee uduu hin sodaatiin mataa isaanii du'aaf dabarsanii kennanii jiran, kanaaf samiiwwanii fi ka isaan keessa jiraatan marrinuu gammadaa! Yeroon muraafnni qoftti akka isa hafe waan beekeef daabiloos dallanissuu ol aana'aan gara keessan bu'ee jiraatii, arddi'ii fi garbi ciisaan isinii uunsha'a!» Xaraan gara arddi'ii akka gadi gatame yeroo argetti, dubarttii ilma deette ni ari'een, dubarttiin gara bakka lafa gammoojji'ii titti isi'iif qophaayee bararttee akka deemittuuf, koolli lamaan koola risaa ol aana'aa fakkaatu ni kennameef, achitti'llee boficha duranaa fagaattee, woggaa sadihii fi wolakka'aaf kunuunssaan qabamttee ni eeggamitti turtte. Dubarttiin lola'aan akka fudhatamittuuf jedhee bofichi bishaan lagaa bishaan gayu afaan isaatii tufee gara dudda duuba isi'iitiin ni jisse. Garuu ardiin dubarttii ni gargaartteen, afaan isi'ii'llee banatteeti xarichi afaan isaatii bishaan tufee jisse, ni xuuxatte. Xarichi'llee dubarttii irraatti dallanee fiixaa isi'ii worra hafaniin woliin wol woraanu'uuf ni deeme, isaan'llee ajajoota Waaqaa worra eeggatanii fi Yesusiif'llee amanamumma'aan worra ragaa bayan. Xaraan'llee garba ciisaa bira, cirracha irra ni dhaabate. Kanaan duubatti bineenssi tokko garba ciisaa keessaa yoo bayu ni arge, gaaffan kudhanii fi mataawwan torbaa ni qaba ture, gaaffan isaa irra'llee gonfatawwan kudhanii ni jiran ture, mataawwan isaa irra'llee maqaan arrabaa ni jira ture. Bineenssi arge'llee qeerranssa ni fakkaata ture, miilli isaa miila goljja'aa, afaan isaa'llee afaan leeniccaa ni fakkaata ture. Xaraan huminna fi teessoo aangoo guddaa'llee, bineesichaaf ni kenne. Mataawwan bineenssa keessaa tokko madaa du'aan isa gayu akka qabuu ta'ee ni arggeen, garuu madaan du'aan isa gayu fayyee jira, arddiin biyyi marrinuu maalalu'uun bineensicha ni horddofe, Bineenssichaaf aangoon kennamuu isaatiin namoonni marrinuu xarichaaf ni sagadan, «Bineensicha ka fakkaatu eennu ree? Isa woliin'llee eennutu wol woraanu'uuf danda'aa? jedha'aa isaaf ni sagadan.» «Afaan jecha ufi tuulumma'aatii fi waan arabaa ittiin dubbatu'llee bineensichaa ni kennameef, ji'a afurtamii lamaa aangoo isaatiin akka hojjatu'llee, ni eeyyamameef. Waaqaa fi maqaa Waaqaa, mana jireenna isaatii fi sami'itti bakka inni jiraatu'llee arrabssuu, jala ni qabe.» Qulqullu'uu akka woraanuu fi isaan injifatee akka moo'atuuf aangoon ni kennameef, gosaa fi worraan, afaan adda addaatiin ka dubbatanii fi ummata mara irratti aangoon ni kennameef. Yeroo arddiin uumamittee jala qabee worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka Hoolicha qalamee irratti hin barreeffamin biyya lafaa irra namoota jiraatan marrinuu, bineensichaaf ni sagadan. Ka gurra qabu yoo jiraate, haa dhagayu! Booji'amu'uuf ka ramadame ni booji'ama, billayaan ajjeefamu'uuf ka ramadame billayaan ni ajjeefama eegaa obissi worra Qulqullootaatii fi amantiin isaanii ka barbaachisu yeroo kanatti. Bineenssi bira'aa ammoo arddii keessaa yoo bayu ni arge, inni'llee akka hoola'aa gaafota lamaa ni qaba ture, haasofnni isaa'llee akkuma xara'aa ni ture, bineenssa jalqabaa bakka bu'ee aangoo isaatiin'llee ni hojjata ture, arddi'ii fi ka isii irra jiraatan marrinuu, bineenssa jalqabaatiif akka sagadan ni taasise, bineenssi kun'llee madaan haga du'aatiin isa gayu ka fayyeef, bineensicha jalqabaati. Bineenssi lammaffaa kun garuu namoota duranatti, ibidda sami'ii haga buusu'uu titti, baasota ol aanota ni taasisa ture. Bineenssa jalqaba duranatti akka taasfamu sababaa baasota eeyyamameetiin, namoota arddii irra jiraatan ni dogoggorssa ture, bilayaan madaayee ka fayye ulfinna bineensichaatiif suuraa akka isaa hojjatuuf'llee, namoota arddii irra jiraatan ni ajaja. Bineenssi lammaffaa bineenssa jalqabaatiif suuraa hafuura jireennaa isaa kennu'uuf aangoon ni kennameef, hafuura jireennaa kennu'uuf aangoon ka kennameef'llee, suuraan isaa dubbachu'uuf akka dandda'uu fi isaaf worri hin sagadinne marri'llee akka ajjeefaman akka taasisuuf. Bineenssi lammaffaa maandhota'llee ta'anii hangafoonni, dureeyyii ta'anii hiyyeesota, goofttota ta'anii tajaajilttoota, marrinuu harka isaanii ka mirgaa titti yookiin kallacha isaanii irratti, malikata akka taasisaniif, isaan ni dirqisiise. Bifa kanaan malkanni maqaa bineenssichaa muldhisu yookiin ka laakkofssa maqaa isaa hin qabnne naminni kum'llee, bitu'uuf ta'ee gurguru'uuf'llee hin danda'u. Ogummaan ka barbaadamu eegaa asi irratti, sammuu ka qabu laakkofssa bineensichaa haa yaadu, laakkofssichi ka muldhisu nama, laakkofssi'llee dhibba jahaaf jahaatamii jaha. Kanaan duubatti kunoo Hoolichi Gaara Xiyoonii irra dhaabatee ni arge, isaan woliin maqaan isaatii fi maqaan Abbaa isaa kallacha isaanii irratti worri itti barreeffame, namoonni kuma dhibba tokkoo fi afurtamii afurii ni turan. Sami'ii'llee qooniqqa fincaayaa bishaan ol aanaa fi qoonqqa hangaasuu ol aana'aa fakkaatu ni dhagaye, qooniqqi dhagaye'llee kiraara sirreesttoonni haala qoonqqa kiraara itti sirreessanii qoonqqa dhagayan ka fakkaatu ture. Teessichaa fi bineensota arffan, jaarsotii duranatti namoonni kuma dhibba fi afurtamii afurii faaruu haarawa ni faarsan, arddii irraa ka fayyan namoota kuma afurtamii afurii malee eennu'llee barachuuf hin dandeenne. Isaan worra hin fuudhin waan ta'aniif dubarttootaan woliin wol qunnamittii raawwachu'uun hin battoofnne, gara hoolchi deemu maraa isa ni horddofaniin. Isaan Waaqaa fi Hoolichaa namoota jiddu'uu akka ka jalqabaa titti ka dhiyaatan. Isaan dhara dubbatanii hin beekan, ashaan'llee worra hin qabnne. Kanaan duubatti ummatoota arddii irra jiraataniif, gosa, afaanota adda addaa worra dubbatanii fi worra gara garaa maratti dubbachu'uuf wongeela bara baraa ka qabate maleyikkaan bira'aa, samii jidduu yoo bararu ni arge. Qoonqqa ol aana'aan'llee, «Waaqa sodaadhaa! kabaja'aan'llee! yeroon murtii isaa gayee jira, sami'ii fi arddii, garba ciisa'aa fi burqqaawwan bishaanii Waaqa uumeef sagadaa!» ni jedhe. Maleyikkaan bira'aa lamaffaan'llee, «Ka macheessu daadhii sagaagala isi'ii ka woyinni'ii ummata mara ka obaaftte, Baabilooniin ol aanttuun sun ni kuftte! kuftte!» jedha'aa, maleyikkicha jalqabaa ni horddofe. Ka bira'aa maleyikkichi sadaffa'aa'llee qoonqqa ol aana'aan akkana jedha'aa isaan ni horddofe, «Bineensichaa fi suuraa isaatiif ka sagadan, malikata isaa kallacha isaanii irratti yookiin harka isaanii titti ka godhatan marrinuu, Daadhii woyiinni'ii ka dheekkamissa Waaqaa ni dhugan, daadhiin woyiinni'ii kun'llee uduu hin makamin duloo dheekkamissa isaa titti ka buufame, akkuma kana maleyikkoota Qulqullaawota duranattii fi Hoolicha duranatti, ibiddaa fi dinni'iin ni makkaraaran. Ibidda isaan makkaraarssuu keessaa aarri bayu, bara haga baraa titti gara olii ni baya, bineenssichaa fi suuraa isaatiif'llee ka sagadan, malikata maqaa isaa'llee ka godhatan marrinuu, guyya'aa fi halkan'llee boqannaa hin qaban. «Ajaja Waaqaa worra eeggatanii fi Yesusiin'llee amanu'uun qulqullaawota jabaatan dhaabatan irraa, obissi eeggamu asi irratti.» Sami'ii qoonqqa akkana jedhu ni dhagaye, «Kana barreessi, ammaa achitti ka Gooftaa Yesusii ka ta'anii worri du'an, isaa ka eebbifaman!» Hafuurri Qulqulluun'llee, «Ee» «Dadhabbii isaanii irraa akka boqataniif, hujiin isaanii isaan ni horddofa» jedha. Kanaan duubatti ni laale, kunoo duumessa adii ni arge, duumessa irratti'llee Ilma Namaa ka fakkaatu taa'ee jira, mataa isaa irratti'llee gonfata worqqi'ii gonfatee jira, harka isaa titti'llee haamttuu qara qabddu qabatee jira, maleyikkaan bira'aa Mana Waaqeffanna'aatii bayeeti, ka duumessa irra taa'een qoonqqa ol aana'aan, «Callaa ardi'ii gayee jira, yeroon haama'aa'llee dhiyaatee jira!» Duumessa irra ka taa'ee jiru'llee, haamittuu isaa gara arddi'ii ni erge, arddiin'llee ni haamamitte. Maleyikkaan bira'aa'llee Mana Waaqeffanna'aa ka samii jiruu ni baye, inni'llee haamittuu qara qabeettii qabatee jira ture. Ibidda irratti aangoo ka qabu maleyikkaan bira'aa furdda biraan bayeeti, maleyikkicha haamttuu qaramitte qabatee jiruun, «Mataan firiiwwanii waan bilchaataniif haammittuu kee qaramaa ergi! mataawwan woyinni'ii maraa arddii irraa muriitii wolitti qabi!» jechu'uun, qoonqqa ol aana'aan ni iyye. Maleyikkichi'llee hamttuu isaa gara arddi'ii titti ni erge, mataawwan firiiwwan woyinnii arddi'ii'llee ni mure, bakka itti cuunffaa dheekkamissa ol aanaa Waaqaa keessatti'llee ni gateen. Magaala'aan ala ka jiru bakka itti cuunffaa woyinnii magaala'aa titti'llee ni cuunffame, bakka itti cuunffa'aatii haga lugaama farddaa titti ka ol jedhee fi haga fageenna kiilomeetira meetira dhibba sadihi ka gayu, dhiiginni'llee bayee ni jige. Ka bira'aa malikata ol aana'aa fi dinqisiisaa sami'itti ni arge, dheekkamissi Waaqaa ka ittiin raawwatamu ka muumme'ee ka ta'an, balaawwan torbban qabatanii ka jiran, maleyikkoonni torbaa ni arge. Kanaan duubatti ibiddi ka itti makame garba ciisaa daawi'te'ee waan fakkaatu ni arge, akkuma kana bineenssichaa fi suuraan bineensichaa'llee, laakkofssa malikata maqaa isaa'llee worra injifatanii moo'ataniin ni arge, kiraara Waaqinni isaaniif kenne'llee qabatanii, garba ciisaa daawi'te'ee bira dhaabatanii jiran turan. Tajaajilaa Waaqaa faarffannaa Muse'eetii fi faarffannaa Hoolchaa akkana jedha'aa ni faarsan ture, «Maraa ka danddeettu yaa Waaqa Gooftaa! hujiin kee ol aana'aa fi maalalchiisa'a, yaa nugusa ummatootaa! karaan kee sirri'ii fi dhuga'a. Yaa Gooftaa, si'i ka hin sodaannee fi maqaa kee'llee ka hin kabajine eennu? ati qoftti Qulqullu'u, murtiin kee ka dhuga'aa waan muldhateef, ummatoonni marrinuu dhufanii, si duranatti ni sagadan.» Kanaan duubatti ni laale, kunoo, ragummaa ka ta'e dukkaanni Manni Waaqeffanna'aa, sami'itti ni baname, balaawwan torbanuu ka qabatanii ka jiran maleyikkoonni torbaa Mana Waaqeffanna'aatii ni bayan, uffata qulqulluu calaqisu adii leelashe'ee uffatanii jiran turan, laphee isaanii'llee woraanittillee worqqi'iitiin hidhatanii jiran ture. Bineensota arfan keessaa tokkochi maleyikkoota torbaniif, baraa haga baraa titti ka jiraatu dheekkamissi Waaqaa ka itti guuttamee jiru duloowwan worqqi'ii torbaan, isaanii ni kenne. Manni Waaqeffanna'aa'llee ulfinnaa fi huminna Waaqaa irraa ka ka'een aaran ni guuttame, maleyikkoonni torbaan ka qabatanii jiran balaawwan torbaa haga yeroo raawwatamanii titti, eennu'llee gara Mana Waaqeffanna'aa titti aseenu'uuf hin danddeenne. Kanaan duubatti maleyikkoota torbaniin, «Deemaa! dheekkamissa Waaqaa qabatanii ka jiran duloowwan torbban arddii irratti jissaa!» ka jedhu, qooniqqi ol aanaan jedhu, Mana Waaqeffanna'aatii yoo bayu ni dhagaye. Maleyikkaan jalqabaa dhaqeeti duloo arddii irratti ni jisse, malkanni bineenssichaa ka qabanii fi suuraa bineensichaatiif namoota sagadan irratti, bada'aa fi madaan makkaraarssu isaan irratti ni baye. Maleyikkaan lammaffaa'llee duloo garba ciisaa irratti ni jisse, garbi ciisaan'llee akka dhiiga nama du'ee ni ta'e, garba ciisaa keessa'llee ni jiraatan ka turan wonittoonni lubbuu qaban marrinuu, ni du'an. Maleyikkaan sadaffaa duloo laggiinii fi burqqaalee bishaanii irratti ni jisse, isaan'llee diigaa ni ta'an, bishaan irratti maleyikkaan aangoo qabu'llee akkana yoo jedhu ni dhagaye, «Ka jirttuu fi ka turtte yaa Gooftaa Qulqulluu! Akkana waan murtteessiteef ati sirri'i, Namoonni dhiiga Qulqullootaatii fi nabiyyootaa waan jissaniif dhiiga isaan ni obaaftte, kun'llee ka isaaniin malu!» Furdda isaa titti'llee, «Ee! Maraa ka dandeettu yaa Waaqa Gooftaa! Murtiiwwan kee dhaga'aa fi sirri'i» qoonqqa jedhu, ni dhagaye. Maleyikkaan arfaffaa'llee duloo aduu irratti ni jisse, aduun'llee namoota oo'a isi'iitiin akka gubdduuf huminni ni kennameef, namoonni oo'a ol aana'aan ni gubatan, balaawwan kanniin irratti aangoo ka qabu maqaa Waaqaa ni arrabissan, dhiifamaan'llee gara Waaqaa titti hin deebine, isa'llee hin kabajineen. Maleyikkaan shanaffaa duloo teessoo bineenssichaa irratti ni jisse, mootummaan bineensichaa'llee dukkana ni ta'e, namoonni makkaraarnna isaanii irraa ka ka'een arraba isaanii ni alanishan ture, dhukkubisata isaaniitii fi madaa isaanii irraa ka ka'een Waaqa sami'ii ni abaaran, hujii isaanii hamaa irraa'llee dhiifamaan gara Waaqaa titti hin deebine. Maleyikkaan jahaffaa duloo laga ol aanaa Efraaxiisii irratti ni jisse, nugusota gara baya adu'uutii dhufaniif karaa qopheesu'uuf, bishaan lagichaa ni goge. Afaan xarichaatii fi afaan bineensichaatii, afaan nabiyyicha dharaatii'llee, raachota wonittoonni fakkaatan hafuuronni battiiwwan sadihiin, yoo bayan ni arge. Isaan baasa ka taasisan hafuurota jinniiwwaniiti, hafuuronni kunniin guyyaa woraanaa ka Waaqa maraa danda'uu ta'utti namoota wolitti qabu'uuf, gara nugusota biyya lafaa mara ni deeman. «Kunoo! Ani akka hattu'uu dimmaa ni dhufa! Qullaa isaa akka hin taanee fi qaama isaa ka saalaa namoonni akka jalaa hin argineef, dammaqee uffata isaa naminni eeggatu ka galateeffame!» Hafuuronni'llee nugusota afaan worra Ibirootaatiin Armaagedoon bakka jedhamutti, isaan wolitti ni qaban. Maleyikkaan torbaffaa'llee duloo qilleensa irratti ni jisse, teessoo Mana Waaqeffanna'aa keessa jiru irraa, «Raawwatame!» ka jedhu, qooniqqi ol aanaan ni baye. Qooniqqi bakakka'aa, ka hangasu'uutii fi sochiin arddi'ii ol aanaan'llee ni ta'e, kana ka fakkaate sochiin arddi'ii ol aanaan naminni arddii irratti haga uumamee jalaqabee, ta'ee hin beeku. Magaalaan ol aanttuun'llee bakka sadihitti ni qoodamtte, magaalonni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee'llee ni didiigaman, Waaqinni'llee Baabiloonii ol aanittuu taate ni yaadate, duloo dheekkamissaa cima'aa daadhii woyinnii itti guuttame'llee, akka dhugiddu'llee isii ni taasiseen. Eddoowwan marrinuu achi ni dheessan, gaaronni'llee hin argaminne, Tokkoon tokkoon isaa haga kiilomeetira giraama afurtamii shanii ka ulffaatu baradaan sami'ii namoota irratti ni bu'e, balaan haalaan makkaraarssaa waan tureef namoonni waayee balaa barada'aatiin, Waaqa ni arrabssan. Duloowwan torbaan qabatanii ka turan maleyikkoota torbaan keessaa tokko gara kiyya dhufee akkana naan jedhe, «Koottu! Bishaanota baayi'ee irra taa'ee ka jiru, sagaagaltittii ol aanttuu irratti murtii gayu isi'itti ni mulidhisa, nugusonni arddi'ii'llee isii woliin sagaagalanii jiran, jiraattonni arddi'ii'llee daadhii woyinni'ii ka sagaagalummaa isi'iitiin machaayanii jiran.» Kanaan duubatti maleyikkichi Hafuuraan gara lafa gammoojji'ii ana ni fudhate, gara inni qabu marattuu maqaa arrabaa ka itti barreeffaman, mataawwan torbaa fi gaaffiin kudhanii ka qabu, bineenssa diimaa irra ka teette, dubarttii takka ni arge. Namittiin hamaraa fi uffata diimaa uffatee ture, worqqi'ii fi dhagaa gatiin isaa gudda'aa, dooqotaan'llee bareeddee turtte, harka isi'ii titti'llee waan jibbisiisuu fi battummaan sagaagalummaa isi'ii ka itti guute, duloo worqqi'ii qabattee ni turtte. Kallacha isi'ii irratti'llee, «Haadha sagaagalttootaatii fi haadha battiiwwan arddii maraa, Baabiloonii ol aanittuu» ka jedhu, maqaan dhossa'a itti barreeffamee jira ture. Dubarttin sun dhiiga Qulqullootaatii fi dhiiga wereegamttoota Yesusiitiin machoofttee ni argeen, yeroo isii argetti'llee haalaan ni maalalffadhe. Maleyikkichi garuu akkana naan ni jedhe, «Waayee maali'iitiif dinqisiifatta? Dhossaa dubartti'iitii fi ka isiin irra teette, mataawwan torbaa gaaffan kudhanii ka qabu, dhossaa bineenssichaa siif ni ibisa, bineenissichi argitee duraan ni jira ture, amma hin jiru, maa'ii boolla gadi fago'ootii ni baya, gara badii isaa'llee ni deema, biyyiti lafaa yeroo uumamee jala qabee worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa irratti hin barreeffamin jiraattonni arddi'ii, bineenissichi durssee ka ni jira ture, amma ka hin jirre, maa'ii ka dhufu ta'uu isaa yoo argan, ni maalalan.» «Ogummaa ka qabu sammuun ka barbaadamu asi irratti, mataawwan torbban dubarttiin ka isaan irra teettee jirttu gaarota torbban. Akkuma kana nugusota torbban, shanan kufanii jiran, tokkochi amma ni jira, kuun amma'llee hin dhufinne, inni yoo dhufe yeroo muraasa qofaaf, turuu qaba. Nugufnni saddeetaffaa ka duraan turee fi bineenssa amma hin jirre, inni'llee torbban keessaa tokko, gara badi'ii'llee ni deema.» «Gaafaan argite kurnnan amma'llee nugusota hin moo'in, garuu sa'aatima tokkoofuu bineensichcaan woliin akka moo'aniif, aangoo moo'u'uu ni argatan. Nugusonni kurnnan kunniin'llee yaada tokko ni qaban, isaan huminna isaaniitii fi aangoo isaanii'llee bineenssichaaf ni kennaan, Isaan Hoolcha irratti woraanni ni banan, garuu Hoolchi Gooftaa Gooftotaatii fi nugusa nugusotaa waan ta'eef injifatee isaan ni moo'a, isaan woliin ka jiran, ka waamaman, ka filatamanii fi ka amanamaan.» Maleyikkichi'llee akkana naan jedhe, «Bishaanonni sagaagalittuun irra teettee argite, ummatootaa fi namoota, gosootaa, worra afaanota adda addaa dubbatan, Bineenssichaa fi gaafonni kurnnan argite sagaagaltittii ni jibban, gara badi'iitiin'llee ni gayaniin, qullaa isi'ii'llee ni hanbisaniin, foon isi'ii ni nyaatan, ibiddaan'llee ni gubaniin, Karoora isaa akka raawwataniif yaada kana onnee isaanii keessa ka kaaye Waaqa, kanaaf dubbiin Waaqaa haga raawwatamutti isaan yaada tokkotti wolii ni galan, aangoo nugusa ta'uu isaanii'llee bineenssichaaf ni kennan.» «Dubarttiin argite'llee nugusota arddi'ii irratti ta mootomttu, magaalattii ol aanttu'u.» Kanaan duubatti aangoo ka qabu maleyikkaan bira'aa sami'ii yoo bu'u ni arge, ulfinna ifa isaa irraa ka'een arddiin ni ifitte, Qoonqqa ol aana'aan'llee akkana jechu'uun ni iyye, «Baabilooniiin ol aanittuun Kuftte! Kuftte! Bakka jireenna jinniiwwan battiiwwanii ni taate, bakka bulttii hafuurota batti'ii'llee ni taate! Bakka bulttii hafuurota batti'ii'llee ni taate! Waan fuula guursisuu fi boqata sinbirrootaa jibbisiisan'llee ni taate! Ka batteessu daadhii woyinni'ii ka sagaagalititti'ii ummata maraa obaafttee jirtti, nugusonni arddi'ii isii woliin sagaagalanii jiran, daldalittoonni arddi'ii'llee qananii isi'ii baayi'ee irraa ka ka'een, dureessota ta'anii jira.» Qoonqqa bira'aa'llee sami'ii akkana yoo jedhu ni dhagaye, «Yaa ummata kiyya! Cubbuu isi'ii titti hin hirmmaatinaa, isii keessaa bayaa! Tuulaan cubbuu isi'ii haga sami'ii gayee jira, Waaqan'llee balleessaa isi'ii yaadatee jira, haga isiin kenniteen isi'ii kennaa, hujii isiin raawwatteen'llee dachaa kafala'aafii, Duloo isiin dhugaatii adda addaa itti wolitti makitte keessatti, dacha'aa fi cimaa taasisa'aatii wolitti jalaa makaa, haguma isiin ulfinnaa fi itti toliinssa mataa isi'iitiif kenniteen, makkaraarnnaa fi gadda kenna'aafii, isiin onnee isi'ii titti, ‹akka mootitti'ii titti taa'ee jira, haadha hiyyeessaatii miti'llee gaddi'llee gonkumaa narra hin gayu› jechu'uun, ni dhaadatti. Kanaaf balaawwan isi'ii marrinuu guyyaa tokkoon isii irra ni gayan, du'aa, gaddaa fi beelli'llee isii irraa ni gayan, ibiddaan'llee ni gubatti, isii irratti ka murtteessu Waaqinni Gooftaan, ol aana'aa.» Isii woliin worri sagaagalanii fi titti toliinssaan ka jiraatan nugusonni ardi'ii, isiin yoo gubattu aara bayu yoo argan waayee isi'iitiif iyya'aa ni booyan, Makkaraarnna isi'ii sodaachu'uun'llee fagoo dhaabatanii, «Ati magaalattiin ol aanittuu, ati magaalattiin cimttuu yaa Baabiloon! Murtiin kee sa'aatii tokko keessatti waan dhufeef si uunisha'a! Si uunisha'a!» ni jedhan. Fe'aa dooniiwwan isaani'ii ammaa achitti ka bitu waan hin jirreef daldalittoonni arddi'ii isi'ii ni booyaniif, ni gaddaniif'lle'e, Worqqii, meeta, dhagaa gatiin isaa gudda'aa, dooqa, uffata haphii, uffata hamara, uffata haarri'ii, uffata diima'aa fi muka foolii mishaa qabu mara, ilkaan arbbaa, muka gatiin isaa mi'aa ta'e, sibiila diimaa, sibiilaa fi dhagaa adii irraa meeshaa hojjatame mara, qarafaa, urgoofttuu, muka urgaayu, qumibbi'ii, ixaana, dhaadhii woyinni'ii, zayiitii ejerssaa, daakuu, qamadii, loowwan, hoolota, faradoo, gaariiwwan fardaa, garbootaa fi namoota kaanniin'lle'e. Daldalttoonni'llee, «Ati ka hawwite wonittoonni mishaawwan marrinuu si irraa fagaatanii deemanii jiran, qabeenni keetii fi faayyonni kee marri'llee badanii jiran, ammaa achitti kanniin maraa gonkumaa isaan hin arggattuun!» isi'iin ni jedhan. «Wonittoota kaniin maraa bita'aa daldalttoonni dureeyyii ta'an makkaaraarnna isi'ii sodaachu'uun, fagoo ni dhaabatan, booya'aatii fi gadda'aa'llee, uffata haphi'ii fi uffata hamara, uffata diimaa'llee ni uffatti ka turtte, worqqi'ii fi dhagaa gudda'aatiin, dooqaan'llee ni bareeddi ka turtte, magaalattii ol aanttu'uuf uunisha'a! Uunisha'a! Qabeenni hagasii marri saa'aatii tokkotti ni bade!» ni jedhan. Ajajoonni dooni'ii marri, namoonni dooni'iin deeman marri, doonii irra worri hojjatanii fi garba ciisaa irratti worri daldalan marrinuu fagoo ni dhaabatan, isiin yoo gubattu aara bayu yeroo arganitti, «Magaalaa ol aanttuu tana ka fakkaattu magaalaan bira'aa gonkumaa ni jirtti turee ree?» jedha'aa, ni iyyan. Mataa isaanii irratti daaraa ni firfirrissan, booya'aatii fi gadda'aa'llee akkana jedha'aa ni iyyan, «Garba ciisaa irratti doonniiwwan worri qaban marrinuu, qabeenna isi'iitiin dureeyyii worri ta'an, magaalaan ol aanttuun sun saa'aatii tokko keessatti waan badeef, isi'ii uunisha'a! Uunisha'a!» Yaa samii! Isi'iin gammadi! Waaqinni waayee keessaniif isii irratti waan murtteesseef, isin Qulqulloonni fi ergamittoonni, nabiyyoonni'llee, gammadaa! Kanaan duubatti maleyikkaan cimaan tokko, dhagaa guddaa daakka'aa ka gayu dhagaa tokko fuudhee, gara garba ciisa'aa ni dabrre, «Magaalattiin ol aanttuun Baabiloon kana huminnaan dhiibamttee ni kuftti, ammaa achitti'llee gonkumaa deebitee hin argamittu, Qooniqqi worra kiraara sirreessaniitii fi qooniqqi worra sirbitootaa, qooniqqi worra ulullee afuufittotaatii fi qooniqqi worra xurunbbaa laali'ii afuufittotaa, deebi'ee si keessatti hin dhagayamu, ogummaa hujii harkaa ka bifa kamiituu naminni ogeessi hojjatu ammaa achitti si keessatti hin argamu, qooniqqiti dhagaa daakka'aa'llee ammaa achitti si keessatti hin dhagayamu. Ibisaan ifaa ammaa achitti si keessatti hin ibisu, qooniqqi ka fuudhuutii fi qooniqqi idaayyitti'ii'llee ammaa achitti si keessatti hin dhagayamu, daldalittoonni tee namoota ol aanttota arddi'ii ni turan, asimmaa keetiitiin ummata kee mara dogoggorssiiftee jirta.» «Isii keessatti arddiin nabiyyootaa fi Qulqullu'uu irratti dhiiginni namoota ajjeefamanii marrinuu, argamee jira.» Kanaan duubatti akkana ka jedhu qooniqqa ol aanaa namoota baayi'ee fakkaatu, sami'itti ni dhagaye, «Hallee luyyaa! Fayyisu'uu fi ulfinni, huminniti'llee, ka Waaqa keennaati! Murtiin isaa dhuga'aa fi sirri'i, arddii sagaagaluttummaa isi'iitiin ta batteessite sagaagaltittii ol aanttuu murti'iin adabeenii jira, isii adabu'uun'llee dhiiginni tajaajilttoota isaa haloo bayee jira.» Deebi'ee'llee, «Haalleeluyaa! Aarri isii irraa ka'u'llee bara haga baraa titti, gara olii ni baya!» jedha'aa, ni iyyan. Jaarsotiin diddamii afuriitii fi bineensonni afurii'llee Waaqa teessoo isaa irra taa'ee jiruuf, kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, «Ameen, haalleeluyaa!» jedha'aa, ni sagadan. Kanaan duubatti, «Tajaajilttoonni isaa sodaattan marrinuu maandhotaa fi hangafoonni'llee, Waaqa keenna galateeffadhaa!» qooniqqi jedhu, teessoo irraa ni baye. Qooniqqi namoota baayi'ee, qoonqqa bishaanii yaa'uu, qoonqqa bakakkaa cimittu'uu'llee qooniqqi fakkaatu akkana yoo jedhu ni dhagaye, «Haalle luyyaa!» Waaqinni keenna Gooftaa maraa dandda'u ni moo'a! «Ciin Hoolchaa waan gayee fi idaayyaan isaa'llee waan qophooftteef, koottaa haa gammadinuu! Gammachuu'llee haa raawwanuu! Isa haa kabajinuun'lle'e! Uffata calaqisu qulqulluu fi bareedaa ka ta'e akka uffattuuf ni kennameef, uffanni haphiin hujii Qulqullu'uu ka qulqullaayomaat.» Kanaan duubatti maleyikkichi, «Gara cidha Hoolchaa titti ka waamaman ka eebbifaman» jedhii barreessi naan jedhe, itti aanssee'llee, «Kun Dubbii Waaqaa ka dhuga'aati» jedhe. Ain'llee maleyikkichaaf sagadu'uuf miila isaa jalatti kallacha kiyyaan ni kufe, inni garuu, «Ati dhiisi kana hin raawwatin! Ani'llee si'ii fi obboleeyyan ragummaa Yesusii qabataniin woliin tajaajila'a, Waaqaaf Sagadi! Ragummaan Yesusii hafuura raagaati» naan jedhe. Kanaan duubatti samiin banamttee ni arge, kunoo fardda adii ni arge, ka fardda yaabbate'llee amanama'aa fi dhugaalessa ka jedhamu, inni'llee qajeelatti ni murtteessa, ni woraana'lle'e, Ijji isaa arraba ibiddaa ni fakkaatan, mataa isaa irra'llee gonfatawwan baayi'een ni jiran, isa malee ka bira'aa eennu'llee ka hin beekinne isa irratti ka barreeffame maqa'atu jira ture, inni'llee uffata dhiigaan cuuphamee uffatee jira ture, maqaan isaa'llee, «Dubbii Waaqaa» ka jedhamu. Faradoo adaadii ka yaabbatan, qulqulluu ka ta'e uffata adii bareedaa ka uffatan, hoomaan sami'ii isa horddofaniiniiti jira, Ummattoota ka ittiin dhayu biloofnni qara qabeessi afaan isaatii ni baya, ulee sibiilaatiin'llee isaan ni bita, inni'llee maraa ka danda'u ibisa dheekkamissa Waaqa sodaachisa'aa ka ta'e, bakka cuunffaa woyinni'ii irra ni ijjata, Uffata isaatii fi gudeeda isaa irratti, «Nugusa nugusotaa, Gooftaa gooftotaa» maqaan jedhu, barreeffamee jira. Kanaan duubatti aduu irra ka dhaabate maleyikkaa tokko ni arge, inni'llee sinbirroota samii irra bararaniin akkana yoo jedhu qoonqqa ol aana'aan ni iyye, «Gara afeerrii ol aanaa Waaqaa kootaa! Wolitti qabamaa! Foon nugusotaa, foon ajajoota woraanaa, foon lolttuuwwan cicimo'oo, foon farado'ootii fi worra faradoo yaabbatee, foon goofttotaatii fi tajaajiltootaa, foon maandhotaatii fi hangafootaa, foon nama maraa koota'aatii nyaadhaa!» Akkuma kana bineenssichaa fi nugusonni arddi'ii, lolttoonni isaanii'llee, fardda adii ka yaabbatee fi hoomaa isaa ka lolaatiin wol woraanu'uuf, wolgayanii ni arge, garuu bineenssichi ni qabame, isa woliin'llee isa duranatti baasa baayi'ee ni taasisa ka ture nabiyyichi dharaa'llee ni qabame, inni malikanni bineenssichaa isaan irra ni jira worra turanii fi suuraa bineensichaatiif'llee ni sagadan ka turan, maalalee raawwata'aa isaan ni dogoggorssa ture, kunniin marrinuu gara ibidda garba ciisa'aa dinni'iin gubatuu titti, lubbuma isaanii woliin ni gataman. Worri hafan ammoo afaan ka fardda adii yaabbateetii billaya bayeetii ni ajjeefamaman, sinbirroonni marri'llee foon isaanii nyaachu'uun, ni quufan. Kanaan duubatti furittuu boolla gadi fogo'ootii fi birbiraata guddaa maleyikkaan harka isaa titti qabatee jiru, sami'ii yoo bu'u ni arge, Xaricha'llee qabee woggaa kumaa ni hidheen, xaraan kun'llee daabiloos yookiin sheexana ka jedhamu, bofa duraaniiti, Woggaan kumaa haga raawwatamutti ummatoota akka hin dogoggorssineef, maleyikkichi xaricha gara boolla gadi fago'oo titti ni gateen, itti cufee'llee caapha'aan ni chaaphesseen, kanaan duubatti yeroo muraasaaf hiikkamuun ni malaan. Kanaan duubatti teessoowwan ni arge, teessoowwan irra'llee worri aangoon murtteessu'uu isaanii kenname ta'anii ni arge, waayee Yesusii ragaa bayuu isaaniitii fi waayee dubbii Waaqaatiif namoota mataawwan isaanii irraa muraman lubbuuwwan isaanii ni arge, isaan'llee bineensichaa fi suuraa isaatiif ka hin sagadin, malikata isaa'llee kallacha isaanii ta'ee harka isaanii irratti ka hin godhatin, isaan du'aa ka'anii Kristosiin woliin woggaa kumaa ni moo'an. Du'oonni hafan garuu haga woggaan kumaa raawwatamutti du'aa hin muldhanne, kun'llee du'aa ka'iinssa jalaqabaati, Du'aa ka'iinssa jalaqabaa titti qoodamtoota ka ta'an ka galateeffamanii fi Qulqullaawomota, duuti lammaffa'aa isaan irratti aangoo hin qabu, isaan'llee qeesota Waaqaatii fi Kristosii ni ta'an, Kristosiin woliin'llee woggaa kuma ni mootoman. Woggaan kumaa eega raawwateen duubatti Sheexanni hidhaanaa isaatii gadi ni dhiifama, ummatoonni arddii mara irratti arigaman jechu'uun, Googii fi Mangoogiin dogoggorssiisu'uu fi woraanaaf'llee hirmaachissu'uuf ni baya, laakkofssi isaanii'llee akka cirracha garba ciisaa biratti, isaan'llee gara arddi'ii mara bittinnaayanii ganda Qulqullootaatii fi magaalaa jalatamttuu ni marssan, garuu ibiddi sami'ii bu'ee gubu'uun isaan ni balleesse. Ka isaan dogoggorssiise daabiloos, bineenissichii fi nabiyyichi dharaa gara jiran, dinni'iin ka gubatu ibidda garba ciisa'aa keessatti ni gataman, achitti'llee halkanii fi guyya baraa haga baraa titti, ni makkaraaran. Kanaan duubatti teessoo adii ol aana'aa fi teessoo irra ka taa'ee jiru'llee ni arge, arddi'ii fi samiin durana isaatii ni dheessan, bakkeen'llee isaaniif hin argaminne. Maandhotaa fi du'oota hangaffan'llee teessoo isaa durana dhaabatanii isaan ni arge, kitaabban'llee ni banaman, kitaaba jireennaa ka ta'e kitaabnni biraa'llee ni baname, du'oon'llee akkaataa hujii isaanii ka kitaabban keessatti barreeffamee argameetiin murtii ni fudhatan, garbi ciisaan'llee worra du'an ka isa keessatti argaman ni kenne, du'aa fi siooli'llee worra du'an ka isaan keessa turan ni kennan, tokko tokkoon namaa'llee akkaatama hujii isaatiin murtii ni fudhate. Du'aa fi siooli'llee gara garba ibiddaa titti ni gataman, garbi Ibiddaa kun'llee, du'a lammaffa'aat, Ka maqaan isaa kitaaba jireennaa irratti barreeffamee hin argamin marrinuu, gara garba ibiddaa titti ni gatame. Kanaan duubatti samii haarawaa fi arddii haarawa ni arge, samiin jalaqabaatii fi arddiin jalaqabaa'llee dabrranii jiran ture, garbi ciisaan'llee ammaa achitti hin jiraatu. Magaalaan Qulqullittiin, Yerusaalemiin haarofitti, akka idaayyaa abbaa worraa isi'iitiif bareeddee titti qophoofttee, sami'ii Waaqa biraa yoo buutu ni arge, Akkana ka jedhu qooniqqi ol aanaan teesso'oo isaatii yoo bayu ni dhagaye, «Kunoo, bakki bulttii Waaqaa namootaan woliin, isaan woliin'llee ni jiraata, isaanii'llee ummata isaa ni ta'an. Waaqinni mataan isaatuu isaan woliin ni ta'a, Waaqa isaanii'llee ni ta'a. Imimmaan mara ija isaanii irraa ni haqa, seerri duraanii waan dabrreef duuti yookiin gaddi yookiin bootti yookiin makkaraarnni, ammaa achitti hin jiraatu.» Ka teessoo irra taa'ee jiru'llee, «Kunoo! Ani waan maraa haarawa ni taasisa!» ni jedhe, itti aansee'llee, «Dubbiin kun ka amanamee fi dhugaalessa waan ta'eef barreessi!» naan ni jedhe. Kanaan duubatti'llee akkana naan ni jedhe, «Raawwatamee jira! Alfa'aa fi Omeegaan, ka jalqabaatii fi ka muumme'ee'llee ana, ka dheeboteef bishaan burqqaa jireennaa irraa gatii tokko malee bilisaan ni kennaaf, injifatee ka moo'u kana ni dhaala, ani Waaqa isaa ni ta'aaf, inni'llee ilma kiyya ni ta'a, garuu sodaattonni, amantii dhabeeyyiin, battiiwwan, lubbu-ajjeefttonni, sagaagalttoonni, worra asmmaa hojjattoonni, worri Waaqa harkaan hojjatame waaqeffattoonni, sobddoonni marrinuu carraan kutaan isaanii, ibiddaan ka gubatu garba ciisaa ibiddaa keessa ni ta'a, kun'llee du'a lammaffa'aat.» Balaawwan torbban muumme'ee ka itti guutaman duloowwan torbaan, qabatanii ka maleyikkoota torbaan keessaa tokko dhufee, «Koottu! Haadha worraa Hoolchaa ka taate idaayyittii sitti ni muldhisaa» naan jedhe. Hafuuraan'llee gara gaara gudda'aa fi dheeraa tokkoo ana fideeniiti, magaalaan Qulqullittiin Yerusaalem Waaqa biraa sami'ii yoo buutu natti ni muldhise, ulfinna Waaqaatiin'llee ni ibisite ture, ifin ibisaa isi'ii'llee akka dhagaa gatiin isaa haalaan gudda'aati fi akka bilile'ee qulqulluu ka ta'e akka dooqa Yaasphisii ni ture, balballan kudha lamaan ka qabu kaloo kaabaa dhaga'aa dheera'aa fi ol aanaa ni qabddi ture, balballan isi'ii kudha lamaaniinuu, maleyikkoonni kudha lamaan dhabatanii ni eegan turan, balballan irratti'llee maqaan gosoota kudha lamaan Israa'eelii isaan irratti barreeffamee ni jira ture. Gara bayaatiin balballan sadihi, gara kaabaatiin balballan sadihii, kibbaan balballan sadihi, gara dhiyaatiin'llee balballan sadihii ni jira turan. Kaabaan dhaga'aa ka magaalatti'ii hunddeewwan kudha lamaa ni qaban ture, hundeewwan isaanii irratti'llee, maqaawwan ergamittoota kudha lamaanii barreeffamanii jiran ture, Maleyikkichi natti dubbate'llee magaalatti'ii fi balballan isi'ii, kaloo kaabaa dhaga'aa'llee ka ittiin bikku, ulee worqqi'ii ni qaba ture, magaalattiin'llee dheerinnaa fi baldhinni isi'ii wol qixa ka ta'e boca roga afurii ni qabddi ture, maleyikkichi'llee magaalattii ulee bikkiinssaatiin ni bikkeeti, dheerinni isi'ii haga kiloo meetira kuma lamaa fi dhibba afurii ni ta'e, baldhinni isi'iitii fi ol ka'iinssi isi'ii'llee haguma san ni ta'e, maleyikkichi'llee kaabaa kaloo dhaga'aa ni bikke, maleyikkichi'llee ka ittiin bikkuu meeshaa bikkiinssaa ka beekkameen, haga meetira torbaatamii lama ni ta'e, Kaabaan dhaga'aa'llee ka hojjatame Yaasphisiin irraa ture, magaalattiin'llee akka daawi'ite'ee ka qulqullaawome, worqqii Qulqullu'uun ka ijaaramtte turtte, hunddeewwan kaloo dhaga'aa ka magaalatti'ii'llee dhagaa adda addaa ka gatiin gudda'aa ta'eetiii bareedan ni turan, hunddeen jalqabaa Yaasphisiin, lammaffaa Sanpeer, sadaffaan Kaalqedoon, arfaffaan Maaragidii, sadaffaan kelqadoon, arffaffaan margiidiin, shanaffaan sardoniikisiin, jahaffaan saardiyoniin, torbaffaan, serdoonkisi, saddeetaffaan, birillee, sagilaffaan, tophaaziyon, kurnaffaan Kiristilobee, kudha tokkoffaan hiiyaakinxos, kudha lammaffaa Ametiisxosin ni ture. Balballan kudha lamaanuu dooqan kudha lamaan ni turan, tokkoon tokkoon balbalaa dooqa tokko irraa ka hojjatame ture, karaan magaalatti'ii'llee ifa daawi'te'ee akka ka dabarssuu, worqqii qulqulluu irraa ka hojjataman ture. Maraa ka danda'u Waaqinni Gooftaanii fi Hoolchi'llee Mana Waaqeffannaa isi'ii waan ta'aniif, magaalattii keessatti Mana Waaqeffanna'aa hin argine, ulfinni Waaqaa waan isi'ii ibisuu fi Hoolchi ifa isi'ii waan ta'eef, magaalattiin aduu yookiin jiin akka isi'ii ibisuuf isii hin barbaachifnne. Ummatoonni ifa isi'iitiin ni dedeebi'an, nugusonni arddi'ii'llee ulfinna isaanii gara isi'ii ni fidan, magaalattii sanitti halkan waan hin jirreef, balbaloonni isi'ii guyyama kamittuu hin cufaman. Ol aanttummaan moototaatii fi ulfinni isaanii'llee gara isi'ii titti ni galan, wonitti balifisiisaa ta'e gonkumaa gara isi'ii titti hin galu, battummaa ka raawwatuu fi soba ka dubbatu, gonkumaa gara isi'ii hin galu, gara isi'ii titti ka galan, worra maqaawwan isaanii kitaaba jireennaa ka Hoolchaa irratti barreeffaman qofa. Kanaan duubatti maleyikkichi Waaqaa fi teessoo Hoolchaa biraa ka bayu, akka daawi'tee ifuu titti qulqulluu ka ta'e laga bishaan jireennaa natti ni muldhise, laginni kun'llee karaa magaalatti'ii guddaa jidduu kutee ni dabrra, bita'aa fi mirga lagichaatiin ji'uma ji'aan daraara'aa wogga'atti yeroo kudha lamaaf firii ka kennu, muka jireennaa titu jira ture, baalli mukichaa'llee ummattoota fayyisu'uuf ni tajaajilan. Ammaa achitti abaarssi bifa kamiituu hin jiraatu, teessoon Waaqaatii fi Hoolchaa'llee magaalattii keessa ni ta'an, tajaajilttoonni isaa'llee isa ni waaqeffatan, fuula isaa'llee ni argan, maqaan isaa'llee kallacha isaanii maratti irra ni ta'a, ammaa achitti halkan hin jiraatu, Waaqinni Gooftaan waan isaanii ibisuuf ifaan yookiin ifin adu'uu isaan hin barbaachisu, bara haga baraa titti'llee ni mootoman. Kanaan duubatti maleyikkicha akkana naan ni jedhe, «Jechi kunniin ka amanamanii fi dhugaaleyyi'i, Waaqinni nabiyyoota dubbachiisu yeroo dhiyoo keessatti waan ta'u, tajaajilttoota isaatiif ibisu'uuf maleyikkichaa isaa ni erge.» Yesus'llee, «Kunoo! Ani dadafaan ni dhufa! Dubbii raagaa kitaaba kanaa ka eeggatu, ka galateeffame!» jedhe. Wonittoota kanniin ka dhagayee fi ka arge ani Yohaannisii, wonittoota kanniin yeroo dhagayee fi argetti maleyikkicha wonittoota kanniin natti muldhisee sagadu'uuf, miila isaa jalatti ni kufe. Maleyikkichi garuu, «Dhiis akkana hin raawwatin! Ani si'ii fi obboleeyyan kee nabiyyootaan woliin, dubbii kitaaba kanaa namoota raawwatan woliin tajaajila'a, Waaqaaf Sagadi!» naan jedhe. Itti aansee'llee akkana naan ni jedhe, «Yeroon isaa ka dhiyaate waan ta'eef, dubbii raagaa ka kitaaba kanaa chaapha'aan hin cufiin, ammaa achitti hamaan hammeenna isaatiin hammaachuu itti haa fufu, battiin'llee haa battaayu, qulqullaawomaan'llee ni qulqullaawoma, Qulqullaawaan'llee haa Qulqullaawomu.» «Kunoo! Ani dadafaan ni dhufa, tokkoo tokkoof'llee akka hujii isaatiin gatii kennu qabadhee jira, Alfa'aa fi Omeegaan, ka duranaatii fi ka maai'ii, ka jalqabaatii fi muummee'llee ana.» Firii muka jireennaa irraa nyaachu'uu fi balbaloonni isi'iitiin'llee gara magaalatti'ii galu'uuf mirga akka qabaataniif, uffata isaanii ka miicatan ka eebbifaman. Akka sare'ee worroota raatayan, ka asmmaa hojjattoonni, sagaagalittoota, lubbuu ajjeefttota, waaqolee harkaan hojjatame waaqeffatoota, soba worra jaalatanii fi karaa dharaatiin worri deeman marrinuu, magaalatti'iin ala ni ta'an. «Ani Yesus ragummaa kana akka isinii kennuuf maleyikkaa kiyya woldaya amanti'iitiif ergee jira, ani hiddaa dhaloota Daawiitiitii fi fiixa'a, urjjii bariisa'aa ka'ifu'lle'e.» Hafuurri Qulqullu'uu fi Idaayyittiin, «Koottu!» ni jedhan, Ka dhagayu'llee, «Koottu!» haa jedhu, ka dheebote'llee haa dhufu, ka barbaade'llee bishaan burqqaa jireennaa gatii woyiituu malee, bilisaan haa dhugu. Kunoo, dubbii raagaa ka kitaaba kana keessatti barreeffamee ka dhagayu maraa ufi ni eeggachiisaan, eennu'llee dubbii kana irratti waan tokkoo yoo dabale, kitaaba kana keessatti ka barreeffaman balaawwan Waaqinni isatti ni dabala. Eennu'llee dubbii kitaaba raagaa kana keessatti barreeffaman keessaa waan tokko yoo dhidhise, kitaaba kana keessatti ka himaman firii muka jireennaatii fi magaalaa Qulqullitti'ii, Waaqinni gayaa isaa irraa in dhidhisa. Ragaa wonittoota kanniinii ka ta'e, «Dhugamaanuu, dadafaan ni dhufa!» jedha. Ameen, yaa Gooftaa Yesus koottu! Kennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesusii isin mara woliin haa ta'u, Ameen.