Hiddi dhaloota Yesuus Kiristoosii fiixaa Abrahaamiitii fi fiixaa Daawitii kana. Abrahaam Yisaaqiin uumate. Yisihaaq Yaaqoobiin uumate. Yaaqoobillee Yihuuda'aa fi obboleeyyan Yihuuda'aa uumate. Yihuudaan Timaariin irraa Faaresii fi Zaaraa uumate. Faarees Hesromiin uumate. Hesromillee Aaraamiin uumate. Aaraam Aminaadaabiin uumate; Amiinaadab Nahaasooniin uumate; Nahaasoonillee Salmooniin uumate. Salmoon Rahaabiin irraa Bo'aaziin uumate; Bo'aaz Ruutiin irraa Iyyoobeediin uumate; Iyyoobeedillee Isseyiin uumate. Issey mooticha Daawitiin uumate; Daawiti haadha manaa Oriiyo'oo irraa Salamooniin uumate. Salamoon Rehobi'aamiin uumate; Rehobi'aam Abiiyaa uumate; Abiiyaanillee Asaafiin uumate. Asaaf Iyyoshaafaaxiin uumate; Iyyoshaafaax Yooraamiin uumate; Yooraamillee Oziyaasiin uumate. Oziyaas Yo'aataamiin uumate; Yo'aataamillee Akaaziin uumate; Akaazi Hisqiyaasiin uumate. Hisqiyaas Minaasee uumate; Minaasseenillee Amooniin uumate; Amoon Iyyoosiyaasiin uumate. Iyyosiyaasillee hennaa boojuu Baabiloonii Ekoniiyaanii fi obboleewwan Ekoniiyaanii uumate. Boojjuu Babilooniitiin maayii Ikoniyaan Salaatiyaaliin uumate. Salaatiyaalillee Zarubabeeliin uumate. Zarubaabeel Abiyuudiin uumate, Abiyuudillee Eliyaaqimiin uumate, Eliyaaqimillee Azariin uumate. Azari Saadoqiin uumate. Saadoq Akiimiin uumate, Akiimillee Eliyudiin uumate. Eliyuud Ala'azaariin uumate, Al'azaar Maattaaniin uumate, Mattaanillee Yaaqoobiin uumate. Yaaqoobillee Yooseefiin uumate. Yooseefiin kun ka Maariyaamiin qaadhimate. Maariyaamiin tun ka, «Kiristoos» jedhamee maqaan itti moggaafame Yesuusiin deette. Dhaloonni kun martinuu Abrahaamiin irraa haga Daawitii dhaloota kudha Afur. Daawitiin irraa haga boojuu Baabiloonii dhaloota Kudha Afur. Boojuu Baabiloonii irraa haga dhaloota Kiristoosii dhaloota kudha Afur. Dhaloonni Yesuus Kiristoosii akkana. Haati isaa Maariyaam Yooseefiif kennamtee uduu jirtu, inni isi'itti uduu hin dhandhe Ayyaana Woyyu'uun ulfooftee argamte. Yooseefiin isii qaadhimate kun nama qajeela'a. Kanaaf isii saalfachiisuu waan hin barbaanneef, dhossa'aan isii dhiisuu yaade. Uduu inni kana yaada'aaru, Maleekkaan Goofta'aa eebju'uun itti mudhateeti akkana isaan jedhe, «Yooseef Ilma Daawitii, qaadhimamtuun tee Maariyaam Ayyaana Woyyu'uun waan ulfoofteef isii fuudhuu hin sodaatin. Isiin Ilma dhiiraa deetti; Innillee banii cubbuu irraa hin fayyisa maqaa isaallee Yesuus jettee waamta» jedheen. Kun martinuu wonti Gooftaan karaa raagaatiin dubbate sun akka raawwatamuuf ta'e. Wonti dubbatame sunillee, «Durbi duudaan hin ulfoofti; Ilmallee hin deetti; maqaan isaa, ‹Amaanu'eel› jedhamee waamama;» «Amaanu'eel» jechuun, «Rabbi nu woliin jira» jechu'u. Yooseefillee hirribaa dammaqee, akkuma Maleekkaan Rabbii isa ajaje godhe. Qadhimamtuu ufiillee gara mana ufii fudhate. Haga isiin ilma hangafaa deettuutti inni isii bira hin geenne. Maqaa isaallee Yesuus jedheen. Bara Heroodis mootii ta'eeru, qachaa Beetelihem Yihuuda'aa keessatti Yesuus dhalate. Achiin maayii ogeeyyiin Urjii qoran karaa baya adu'uutii gara Yeruusaalemii dhufan. «Mootiin Yihuudotaa ka dhalate, eessa jira? nu urjii isaa karaa aduun baatutti arginee, isaa sagadu'uuf dhufneerra» jedhanii iyyaafatan. Mootiin Heroodisillee kana dhagayee naye. Inni bulchoota gadootaatii fi barsiisoota Seera Muuse'ee wolitti qabee, «Kiristoos eessatti dhalata?» jedhee isaan gaafate. Isaan akkana jedhaniin «Biyya Yihuuda'aa qachaa Beeteliheemiititti dhalata; kun dubbii raagaan, ‹Ati Beeteliheemii Yihuudaa keessaa! qachoota gugurdaa Yihuuda'aa maraa keessaa ati horoma hin diqqaattu; Sababaanillee ka banii kiyya Isiraa'eliin bulchu, Bulchaan si keessatti dhalata› jedhamee barreeffameera» jedhaniin. Heroodiis ogeeyyii dhossa'aan waamee, bara urjiin mudhatte isaan irraa sirri'itti qulqulleefatee hubate. «Dhaqa'aatii, waan daa'imaa midhaassa'aa qoradha'aa; hennaa isa argitan, anillee dhaqee akka isaa sagadu natti himaa'a» jedhee, gara Beeteliheemii isaan erge. Isaan waan Mootiin isaaniin jedhe dhagayanii, ka'anii bayanii deeman; Baya biftu'uutitti urjiin isaan argan sun, haga hulee daa'imni jiruu san irra dhaabattutti afoo isaanii deemte. Isaanillee urjiin akka dhaabatte hennaa argan guddisanii gammadan. Mana seenanii, daa'ima haadha isaa Maariyaamiin woliin arganii, gad kufanii isaa sagadan. Achiin maayii Saanduqa ufii bananii, kennaa worqi'ii, Hiixana fi qumbii isaa kennan. Achiin maayessa isaan gara Heroodisii akka hin deebine, Rabbi eebju'uun waan isaan uf eeggachiiseef, karaa biraatiin gara biyya ufii deebi'an. Haga ogeeyyiin sun gara biyya ufii deebi'an, ergamaan Goofta'aa eebju'uun Yooseefitti mudhatee, «Heroodis daa'ima ajjeesuu waan barbaaduuf, ka'iitii, daa'imaa fi haadha isaa qabadhuutii gara Misirii baqadhu; haga ani sitti himutti achuma taa'i» jedheen. Yooseefillee halkanniin ka'ee haadha fi daa'imallee qabatee, gara biyya Misirii deeme. Haga Heroodis du'utti achuma taa'e; Gooftaan afaan raagaatiin, «Ani biyya Misiriitii ilma kiyya waame» jedhee dubbate suni akka raawwatamuuf kun ta'e. Worri urjii qoru akka isa soban hennaa hubate, Heroodis guddisee aare. Hennaa urjiin itti mudhatte worra urjii qoran irraa akka gaafatee hubatetti, daa'imman Beetelihem keessaatii fi naannoo san maraa, ta woggaa lamaa yookiin achii gadi ta'an loltoota ufii ergee ajjeesisiise. Akka kanaan wonti raattichi Ermiyaas jedhe raawwatame. Wonti inni raagallee, «Laagaan Raama'atti dhagayame, laagaa wocaa fi booyaa ti. Raahel ijoollee ufiitiif bootte; ijoolleen isi'ii waan dhumatteef, jajjabaachuu dadhabde» jedha. Haga Heroodis du'een maayessa, Maleekaan Goofta'aa eebju'uun Yooseefitti mudhate. «Worri lubbuu daa'imaa soqan waan du'aniiraniif, ka'ii, daa'imaa fi haadhallee qabadhuutii gara biyya Israa'elii dhaqi!» jedheen. Innillee ka'ee daa'imaa fi haadha qabatee, gara biyya Isira'eelii gale. Arkelawoos bakka abbaa isaa Heroodisii akka mooye hennaa dhagaye, garas deemuu waan sodaateef, eebju'uun ka gara biyya Galiila'aa deemu argee, gara biyya Galiila'aa deeme. Raattotaan waan Yesuusii, «Inni ‹Naazireeticha› jedhama» jedhamee ka dubbatame akka raawwatamuuf, gara qachaa Naazireeti jedhamtuu dhaqee achi taa'e. Raatticha Isaayyaasiin, «Namni tokko lafa gammoojjii keessaa iyya'aa, ‹Karaa Goofta'aa qopheessaa'a›; daandii inni irra deemu qajeelchaa'a!» Hennaa jedhu inni waan Yohaannisii dubbate. Uffanni Yohaannisii rifeensa gaalaa irraa hojjatame; inni mudhii ufii teephaan hidhata; Nyaanni isaallee awwaannisaa fi damma gammoojjii keessaati. Hennaa san Yeruusaaleemii, Yihuuda'aa fi biyya cinaa laga Yoordaanosii maraa irraa baniin gara isaa dhufan. Cubbuu ufiillee himata'aa laga Yoordaanoosii keessatti harka Yohaannisiititti cuuphaman. Yohaannis Fariisotaa fi Saduuqonni hedduu cuphamu'uuf gara isaa hennaa dhufan argee, «Isin ilmaan buuti'ii! Akka isin mufii Rabbii ta isinitti dhufa'aartu jalaa baqattan eentu isinitti hime? Eegasuu cubbuu irraa deebi'uu keessan waan mudhisu hojjadhaa'a. Abbaan keenna Abrahaam jechuun waan isin baasu hin seeyinaa'a. Rabbi dhakaa kanniin fuudhee, Abrahaamiif ilmaan akka ta'an godhuu akka danda'u ani isinitti hima. Amma dhagaraan mukkiin hiddatti muru'uuf qophaayeera; munni daraaraa mishaa hin daraarre maruu muramee, ibiddatti gatama. Akka isin cubbuu irraa deebitan mudhisu'uuf ani bisaaniin isin cuupha, ka na maayessa dhufa'aaru ammoo Ayyaana Woyyu'uu fi ibiddaan isin cuupha. Inni guddisee na caala; ani kophee isaatuu harkaan qabu'uuf nama male miti. Inni Manshii harkaa qaba. Oyiddillee sirritti qulqulleessa. Qamadii gootara'atti galcha. Buraa ammoo ibidda bobayee hin dhaamne keessatti guba». Yesuus hennaa san Yohaannisiin cuuphaan akka isa cuuphuuf gara laga Yordanoosii dhufe. Yohaannis ammoo, «Natu siin cuuphama malee, situ naan cuuphamaa?» jedhaa'a ufirraa isa dhoogga'aa ture. Yesuus ammoo deebisee, «Akkanaan qajeellummaa maraa raawwachuu nu barbaachisa, amma na hoffolchi» jedheen. Yohaannisillee hin hoffolcheen. Yesuus cuuphamee bisaan keessaa akkuma bayeen, Yoosuu samiin banamee Ayyaanni Rabbii akka handari'ii hennaa isa irratti bu'u arge. Laagaan samii irraa, «Kun Ilma kiyya jaalatamaa Ani itti gammadu» jedhe. Achiin maayessa akka Yesuus daabiloosiin ataabamu, Ayyaanni Woyyuun gara gammooji'ii isa fide. Inni guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa haga soomeen maayessa hin beelaye. Achiin maayessa ataabtichii gara isaa dhufee, «Ati Ilma Rabbii yoo taate, dhagaa kana xoroshoo akka ta'u ajaji» jedhe. Innillee deebisee «Namni dubbii afaan Rabbiitii bayuun jiraata malee, xoroshoo calla'aan hin jiraatu» jedhamee barreeffameera jedheen. Achiin maayessa daabiloos Yesuusiin gara qachaa woyyitti'ii fidee, Ginnoo mana woyyuu gubbaa irra akka dhaabatu godhe. Barreeffamin Woyyuun, lutti Kee dhaga'aan akka hin gufanne, akka isaan harka ufiitiin si qaban, maleekkota ufii sii erga «Ati Ilma Rabbii yoo taate as irraa gad uf dhiisi» jedheen. Yesuusillee deebisee, Barreeffamni Woyyuun, «Waaqa Gooftaa kee hin qorin jedhamee barreeffameera» jedheen. Ammallee daabiloos gara gaara dheeraa tokko gubba'atti ol isa baasee, Mootoolee biyya lafaatii fi ulfinna isaanillee itti mudhiseeti, «Yoo kuftee naa sagadde, kana maraa sii kenna» jedheen. Hennaa san Yesuus, «Ati seexana, narraa fagaadhu! kitaaba Woyyuu keessatti, ‹Waaqa Gooftaa keetii sagadi, isuma callaa kaddaami› jedhamee barreeffameera» jedheen. Achiin maayessa daabiloos Yesuusiin dhiisee deeme; maleekoonnillee dhufanii isa tajaajilan. Yesuus akka Yohaannis dabarfamee kenname hennaa dhagaye, gara Galiila'aa deebi'e. Qachaa Naazireetii gadhiisee Zaabiloonii fi Niftaaleemiin keessaa gara biyya galaana biraa gara Qifirnaahoomii dhaqee achi taa'e. Wonti Isaayyaas raattichi raage, «Lafa Zaabilooniitii fi lafa Niftaalemii, karaa galaana Yordaanoosiitiin gama, Galiilaa lafa worra Yihuudota hin taaneetitti! Baniin dukkana keessa jiraate, ifa guddaa arge; worra lafa du'aatii fi gaadidduu du'aa jala jiraataniif, ifni ife» jedhu akka raawwatamuuf kun ta'e. Hennaa san irraa kaasee Yesuus, «Jeennanni sami'ii waan dhiyaatteertuuf, cubbuu irraa deebi'aa'a!» jedhee lallabuu jalaqabe. Qarqara galaana Galiila'aatiin uduu lufa'aaru obboleeyyan lamaan, Simoonii ka Pheexroos jedhamee fi Indiriyaas obboleessi Simoonii hennaa isaan siiboo gara galaanaa darban arge; Isaan worra qurxummii qaban. Yesuus isaaniin, «Na faana koottaa'a! Ani worra namoota qabdan isin taasisaa» jedheen. Yomasan siiboo ufii dhiisanii isa faana deeman. Inni akkuma achii deemeen, obboleeyyan lamaan Yaaqoobii fi Yohaannisiin, ilmaan Zabdewoosii arge. Isaan yabala ufii keessatti abbaa ufii Zabdewoosiin woliin Siiboo uduu midhaaffatan argee, isaan waame; Isaannillee yoosuu yabalaa fi abbaa ufiillee dhiisanii isa faanaa deeman. Yesuusillee manniin sagada Yihuudotaa keessatti barsiisa'aa, Oduu Nagayaa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, dhibe'ee fi dhukkuba adda addaa maraa irraa banii fayyisa'aa Galiilaa maraa keessa deddeeme. Gurri isaallee biyya Sooriya'aa maratti dhagayame. Kanaafuu worra dhibamanii, dhukkuba adda addaatiin rakkatan, worra jinniin qabeeru, worra dhukkuba gaggabdo'oo qabanii fi ka qaamni isaanii laamshaye maraa gara isaa fidan. Yesuusillee isaan fayyise. Achiin maayessa gumiin hedduun Galiila'aa, qachaa qachoota kudhanii jedhamuu keessaa, Yeruusaalemii, Yihuuda'aa fi Yoordaanosiin gamaallee baniin hedduu isa faanaa deeman. Yesuus hennaa gumii hedduu arge, gaara irra ol bayee taa'e. Darasoonnillee gara isaa dhufan. Achiin maayessa inni akkana jedhee isaan barsiise. «Worri Ayyaanaan hiyyeeyyii ta'an, worra eebbifame, Jeennanni sami'ii ta isaanii waan taateef! Worri gaddan worra eebbifame; jajjabina waan argataniif. Worri gad uf qabu worra eebbifame; waan biyya lafaa dhaalaniif. «Worri qajeellummaa beelayanii fi dheebotan worra eebbifame; waan quufaniif. Worri namaa dhiifama godhan worra eebbifame; Rabbi waan isaanii araaramuuf! Worri yaanni garaa isaanii qulqulluu ta'e worra eebbifame; isaan Rabbiin waan arganiif! Worri nama wolitti araarsan worra eebbifame; isaan ijoollee Rabbii jedhamanii! Worri qajeellumma'aaf ari'aman worra eebbifame; Jeennanni sami'ii ta isaanii waan taateef! «Anaaf jedhanii yoo namoonni isin arrabsan, yoo isin ari'an, yoo dharaan maqaa isin balleessan isin worra eebbifame. Isaan raattota isiniin duraatuu akkasuma ari'aa turan. Gatiin keessan samii gubba'atti guddaa waan ta'eef, gammadaa ililfadhaa'a» isaaniin jedhe. Isin akka sooqidda lafaa ti. Sooqiddi mi'aa sooqiddummaa ufii yoo dhabe, maali'iin mi'aaya? Gara diidaa gatamee namoonni irra deeman malee, womaafuu bu'aa hin qabu. «Isin ifa adunya'aa ti. Qachaan gaara gubbaa jirtu dhokachuu hin dandeettu. Namoonni ifaa ibsanii, akka nama mana keessa jiru maraaf ifutti, waan ifaan irra kaayamu irra kaayan malee, gonbisoo jala hin kaayan. Hujii mishaa keessan arganii, Abbaa keessan ka samii jiru akka kabajjan, ifni keessan nama maraa afo'otti haa ifuu» jedheen. «Ani waan seeraa fi waan raattonni barsiisan diigu'uuf dhufe hin seeyinaa'a. Raawwachu'uuf dhufe malee, diigu'uuf hin dhufne. Ani dhugamaan isiniin jedha, sami'ii fi ardiin haga luftutti seera keessaa tokkottiin yookiin qabxiin tokkottiinuu horoma hin raawwatamti malee hin baddu. Eegasuu seera kanniin maraa keessa ka irra diqqa'aa tokkottiillee ka diigu, akka diiganillee ka namoota barsiisu, jeennata sami'ii keessatti nama maraa irraa diqqa'a jedhama. Namni seera kana eeguu fi akka eegan ka barsiisu ammoo, jeennata sami'ii keessatti gudda'a jedhama. Akkana isiniin jedha, qajeellummaan keessan qajeellummaa barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisotaa yoo caale malee, horoma jeennata sami'ii hin galtan» isaaniin jedhe. Worra duraatiin, « ‹Hin ajjeesin, namni yoo nama ajjeese abboota murti'ii afo'otti itti murama› ka jedhame dhageettaniirtan. Ani ammoo akkana isiniiniin jedha, eennullee obboleessa yookiin obboleettii ufiititti yoo mufate, abboota murti'ii afo'otti itti murama; namni obboleessa ufiitiin «Gowwaa'a!» yoo jedhe yaa'iitu itti murteessa. Ka obboleessa ufiitiin ‹Duudaa'a!› jedhu maruu murtii ibidda asaabaatiif dhiyaata. Eegasuu kennaa kee ka Rabbii kennitu mi'a kenna'aa irratti hennaa dhiyeessitu, obboleessi kee akka si komate yoo yaadde, Kennaa kee ka Rabbii kennitu achumatti dhiisiitii, duraan dursii obboleessa kee woliin araarami, achiin maayessa deebi'iitii kennaa kee Rabbii dhiyeessi. Nama si himate tokko woliin gara hulee yaa'iititti uduma deemtu dafii karaa irratti isa woliin wolii gali. Achi geettee jennaan, abbaan murti'ii ka si hidhutti dabarsee si kennee, ka si hidhullee mana hidha'aatitti si galcha. «Ani dhugamaan siin jedha, waan sitti murame keessaa saantimiin cabduunillee uduu hin hafin haga kaffaltutti sirimaa hin baatu» jedhe. Yesuus, « ‹Hin seebarin› akka jedhame dhageettaniirtan. Ani ammoo akkana isiniin jedha, namni ija hawwi'iitiin dubartii laale, garaa ufii keessatti isii woliin seebareera. Ijji mirgaa yoo cubbuu si hojjachiifte, uf keessaa baasii gati; nafti kee guutuun gara asaabaa ka gatamee mannaa, nafa kee keessaa tokko fafaayuu sii woyya. Harki kee ka mirgaa yoo cubbuu si hojjachiise ufirraa murii gati; Nafti kee guutuun gara asaabaa ka gatamee mannaa, nafa kee keessaa tokko fafaayuu sii woyya.» «Ammallee Yesuus, ‹Namni haadha manaa ufii hiiku maruu, barreeffama isii hiikuu isaa ibsu haa kennuufii› jedhameera. Ani ammoo akkana isiniin jedha, yoo isiin seebarte malee, haadha manaa ufii ka hiiku maruu seebartuu isii taasisa; namni ta abbaa manaa jalaa baate fuudhu maruu hin seebara.» «Ammallee, worra duraatiin, ‹Dharaan hin kakatinaa'a; waan Goofta'aaf kakattan ammoo raawwadhaa'a› akka jedhame dhageettaniirtan. Ani ammoo akkana isiniin jedha, horoma hin kakatinaa'a. Sami'iin hin kakatinaa'a. Teessoo Rabbii waan taateef. Ardi'iin hin kakatinaa'a ejjata luka Rabbii waan taateef, Yerusaalemiinillee hin kakatinaa'a qachaa guddittii mooti'ii waan taateef, Rifeensa mataa keetii tokkocha adii yookiin gurraacha godhuu waan hin dandeenneef, ufiinillee hin kakatin. Haata'uu ammoo dubbiin keessan dhugaa yoo ta'e ‹Ee› soba yoo ta'e ‹Wa'a› jedhaa'a; wonti kanarra caale hammeenna irraa dhufa» jedhe. « ‹Ijji, ijaaf; ilkaan, ilkaaniif› akka jedhame isinuu dhageettaniirtan. Ani ammoo akkana isiniin jedha; nama waan badaa sirratti hojjate haluu hin bayin. Namni tokko boqoo mirgaa yoo si dhabanaase, taanillee itti deebis. Namni tokko shamisii tee fudhachu'uuf barbaadee yoo si himate, kootii keellee kenniif. Namni tokko karaa hagoo na geegessi siin jedhee yoo si giddisiise, ati ammoo san caalaa geegessiin. Ka waa si kadhatee kenni; ka sirraa liqeeffachu'uuf barbaadu jalaa hin miliqin.» « ‹Hiriyyaa kee jaaladhu, diina keellee jibbi› akka jedhame dhageettaniirtan. Worra isin jaalatu callaa yoo ka jaalattan ta'e, gatii maal qabdan? Worri Rabbitti hin bulle akkanuma godhaniimii ree? Obboleeyyan teessan callaa nagaya oo'aa yoo gaafattan, worra kaawwaniin adda taataniimii? Worri Yihuudota hin taane akkanuma godhaniimii? Abbaan keessan ka sami'ii akkuma guutuu ta'e, isinillee guutuu ta'aa'a.» Yesuus, «Namni akka isin arguuf jettanii hujii mishaa afoo isaaniititti akka hin hunye uf eeggadhaa'a! Akkas yoo gootan, Abbaa keessan ka samii jiraatu irraa gatii hin argattani. «Eegasuu isin hennaa hiyyeeyyi'iif arjoomtan, akka worra uf tuulanii nama biratti ulfinna ittiin argatu'uuf jedhanii, mana sagadaatii fi karaa irrattillee uf mudhisu'uuf akkuma godhan, hin godhinaa'a. Ani dhugamaan isiniin jedha isaan gatii ufii argataniiran. «Isin hennaa faateeffattan, akka worra fakkeessuu hin ta'inaa'a! Isaan akka worri biraa isaan arganiif, mana sagadaatii fi wolgayii karaa gugurdaa irra dhaabatanii kadhachuu jaalatan; ani dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii ufii fudhataniiran. Ati ammoo hennaa faateeffattu gara golaa ol seenii, balbala kee cufadhuu, Abbaa kee ka dhossaa jiru kadhadhu. Abbaan kee ka dhossa'aan si argu gatii kee sii kenna. «Hennaa faateeffattan akka worra Yihuudota hin taanee, dubbii bu'aa hin qabne irra hin deddeebi'inaa'a; isaan dubbii guddisu'uun waan Rabbi isaanii dhagayu seeyan. Kanaafuu isin isaan hin fakkaatinaa'a. Abbaan keessan waan isin barbaachisu uduma isin isa hin gaafatinuu hin beeka. «Kanaaf, hennaa faateeffattan: Abbaa keenna ka samii jirtu, Maqaan kee haa woyyoomu; Jeennanni tee haa dhuftu; fedhiin tee akkuma samii irratti taate, akkasuma lafarrattillee haa taatu. Nyaata adha nu barbaachisu adhuma nuu kenni. Akkuma nu worra nu yakkuuf dhiifnu, yakka keenna nuu dhiisi. Hamaa jalaa nu baasi ataabe'etti nu hin galchin, [jeennanni, hunni, ulfinnillee baruma baraan tanteeti Amiin!] «Yoo isin yakka namootaaf dhiiftan, Abbaan keessan ka sami'ii cubbuu keessan isinii dhiisa. Yoo isin yakka namootaaf dhiisuu diddan, Abbaan keessan cubbuu keessan isinii hin dhiisu» jedhe. Yesuus, «Hennaa soomtan akka worra fakkeessuu uf hin daalacheessinaa'a; namootaatti akka soomaniiran uf mudhisu'uuf fuula ufii guuran. Dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii ufii fudhataniiran. Yesuus ammallee, «Qabeenna keessan lafa irratti hulee rimminii fi dammeessaan balleessutti, hulee hattoonni cabsitee hattutti, hin kuufatinaa'a. Isin ammoo qabeenna keessan samii irratti hulee rimminii fi dammeessaan hin balleessinetti, hulee hattuunillee cabsitee hin hanneetti kuufadhaa'a. Hulee qabeenni keessan jiru garaan keessanillee jira.» Yesuus, «Ijji ifa nafaa ti; ijji tee yoo fayyaa taate, nafti kee maruu ifaa ta'a. Ijji tee yoo dhukkubsattuu taate ammoo, nafti kee hoomaanuu dukkanaayaa ta'a; Eegasuu ifni si keessa jiru dukkanaayaa yoo ta'e, dukkanni sun attam attam gudda'aa!» jedhe. Ammallee Yesuus, «Eennullee gooftaa lamaa bitamuu ka danda'u hin jiru. Tokkicha hin jibba, kaan ammoo hin jaalata; yookiin tokkochaaf uf kennee kaan ammoo hin tuffata. Akkasuma Rabbii fi duniya'aa qixa bitamuu hin dandeettan» jedhe. «Kanaaf akkana isiniin jedha, jiruu teessaniif maal nyaanna yookiin maal dhunna, yookiin nafa keessaniif, maal uffanna jettanii hin yaaddayinaa'a! Jiruun nyaata, nafti uffata hin caaluu? Simbirroota sami'ii laalaa'a; isaan hin facaafatan, hin haamatan, gootara'attillee hin galfatan, Abbaan keessan ka samii jiru isaan nyaachisa. Isin guddiftanii sinbirroota hin caaltanii? Isin keessaa namni yaaddayee hojjaa ufii irratti ciqilee takkattii eda'uu danda'u eennu? Waan uffataatiif maaf yaaddoftan? Abaaboon raasaa keessaa attamitti akka guddatan qalbi'iin laalaa'a, isaan hin hojjatan, hin dadhaban, jirbiillee hin fooyan. Haata'uu ammoo, Solomoon mootiinuu ulfinna guddaa uduu qabuu, Abaaboo sanniin keessaa akka tokkichaatittillee hin uffanne. Rabbi abaaboo raasa'aa ka adha jiru, ka boru ibiddatti gatamu yoo akkanatti ka uwwisu ta'e, isin bada worra amantii diqqo'oo; isin attamitti caalchisee uwwisuu dadhaba ree? «Maarre, ‹Maal nyaanna?› yookiin ‹Maal dhunna?› yookiin ‹Maal uffanna?› jedha'aa hin yaaddayinaa'a; Kana maraa worri Yihuudota hin taanee waan barbaadaniif. Kun martinuu akka isin barbaachisu, Abbaan keessan ka sami'ii hin beeka. Isin ammoo duraan dursa'aatii jeennata Rabbiitii fi qajeellummaa soqaa'a; wonti kun martinuu isiniif eda'ama. Kanaafuu waan boruutiif hin yaaddayinaa'a; guyyaan boruu ufiifuu yaada isa gawu qabaa; rakkinni adhaa adhaaf hin gaya. Yesuus, «Rabbi akka isinitti hin murteessine, isin namatti hin murteessinaa'a. Murtima isin namatti murteessitaniin isinittillee murteeffama. Safartuma isin namaaf safartaniin isiniifillee safarama. Huuba ija obboleessa keetii keessa jiru maaf laalta! utubaa ija tee keessa jiru maaf arguu dadhabde? Uduu utubaan ija tee keessa jiru, attamitti obboleessa keetiin, ‹Huuba ija tee keessaa sii baasa› jettaan? Ati nama fakkeessaa'a! duraan dursii utubaa ija tee keessa jiru baasi. Achiin maayessa huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasu'uuf, midhaassitee arguu dandeetta. «Waan woyyoome sariinii hin kenninaa'a; isinitti garagalanii isin ciniinanii. Meeshaa keessan ka gatii mi'a'aa booyyota afoo hin buusinaa'a!» «Kadhadhaa'a isinii kennamaa; barbaadaa'a hin argattanii; balbala dhadhayaa'a isin jalaa banamaa. Ka kadhatu maruu hin fudhata, ka barbaadullee hin argata, Ka balbala dhadhayuufillee hin banama. Isin keessaa ilmi isaa yoo xoroshoo kadhate, ka dhagaa kennuuf eennu? Yookiin yoo qurxummii kadhate, bofa kennaafii? Eegasuu isin hammeeyyii taatanii, ijoollee teessaniif kennaa mishaa kennuu yoo beettan, Abbaan keessan ka samii jiru worra kadhataniif, attamitti waan mishaa caalchisee hin kennine ree? Eeganaa «Waan namoonni akka isinii godhan barbaaddan, isinillee akkasuma isaaniif godhaa'a. Seerrinii fi raattonnillee kanuma barsiisan.» «Karra dhipho'oon seenaa'a! Karaan gara badi'ii fidu badha'a; karrillee badhoo waan taateef, worri karra saniin seenu heddu. Karaan gara jireennaa fidu qadho'o; karrillee dhiphoo waan taateef, worri karaa jiru'uu san argatu diqqa'a.» Yesuus ammallee, «Raattota dharaa irraa uf eeggadhaa'a; hoolaa fakkaachu'uuf gogaa hoola'aa uffatanii, gara keessan hin dhufan; keessi isaanii ammoo akka Yayyii beeloftee ti. Daraaraa hujii isaaniitiin isaan beettan. Qoree irraa woyinii, qummuudduu irraa hurbuu hin guuranii? Akkasuma munni mishaan maruu daraaraa mishaa daraara. Munni badaan daraaraa badaa daraara. Munni mishaan daraaraa badaa daraaruu yookiin munni badaan daraaraa mishaa daraaruu hin danda'u. Munni daraaraa mishaa hin daraarre martinuu muramee ibiddatti gatama. Kanaaf daraaraa isaaniitiin isaan beettan.» Yesuus, «Fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu nama hujutu jeennata sami'ii gala malee, ka, ‹Gooftaa, Gooftaa› jedhee na waamu marti hin galu. Guyyaa san, namoonni hedduu, ‹Gooftaa, Gooftaa! maqaa keetiin raaga hin dubbannee? Maqaa keetiin jinnii hin baafnee? Maqaa keetiin baasa hedduu hin hunyee?› naan jedhan. Ani ammoo, ‹Isin dhartoota sirimaa isin hin beeku; narraa fagaadhaa'a› jedhee isinitti rageessa.» Yesuus, «Namni dubbii kiyya kana dhagayee hujii irra oolchu, namicha qaroo mana ufii dhagaa irratti ijaarate fakkaata. Roobni roobee, lolaan lola'ee, bubbeen bubbisee, mana san dhiibe. Manni ammoo lafa qarsaa irratti waan ijaarameeruuf hin jinne. «Namni dubbii kiyya kana dhagayee hujii irra hin oolchine, namicha gowwaa mana ufii shasharee irratti ijaarate fakkaata. Roobni roobee, lolaan lola'ee, bubbeen bubbisee, mana san dhiibe. Manni sunillee jigee akka malee butute» jedhe. Yesuus hennaa dubbii kana dubbatee fixe, gumiin barumsa isaa hin baaseffate. Inni akka barsiisota seera Muuse'eetitti uduu hin ta'in, akka nama baallii qabuutitti waan isaan barsiiseef. Yesuus hennaa gaara irraa gadi bu'e, gumiin hedduu isa faana deeman. Yoo san namichi dhukkuba gogaa kukkutuun qabame tokko gara isaa dhufee, «Gooftaa kiyya! Yoo fedha kee ta'e na fayyisuu dandeeta» jedha'aa sagadeef. Yesuus harka ufii diriirsee qabeenii, «Hin fedhaa, fayyi!» jedheen; hennama san namichi dhukkuba ufii irraa fayye. Achiin maayessa Yesuus, «Beekkadhu! Waan kana nama tokkottillee hin himin; haata'uu ammoo deemiitii, gadichatti uf mudhisi; fayyuun kee nama maraaf akka ragaa ta'u, fayyuu keetiif kennaa Muuseen ajaje dhiyeessi!» jedheen. Yesuus hennaa qachaa Qifirnaahomii seene, ajajaan dhibbaa tokko gara isaa dhiyaatee, akkana jedhee isa kadhate. «Gooftaa kiyya! Tajaajilaan kiyya guddisee dhukkubsatee laamshayee mana ciiseera» jedhe. Yesuus, «Ani dhufee isa fayyisa» jedhe. Ajajaan dhibbaa sun ammoo, «Gooftaa kiyya! Ati mana kiyya seenu'uuf ani nama malee miti; jechuma callaa dubbadhu, tajaajilaan kiyya hin fayya. Ani mataan kiyyaa abbootii baallii qaban jala jira. Loltoota uf jalatti bulchu qaba. Tokkoon deemi yoo jedheen, innillee hin deema. Kaaniin ammoo koottu yoo jedheen, innillee hin dhufa. Hojjataa kiyyaan kana hujii yoo jedheen, innillee hin hojjata. Yesuus hennaa waan kana dhagaye maalalee worra isa hordofuun, «Ani isinitti himaa, Isiraa'eliin keessatti amantaa guddaa akkanaa nama qabu tokkochallee hin argine. Ani akkana isiniin jedha, namoonni hedduu isaanii baya biiftu'uutii fi dhiya biftu'uutii dhufanii, jeennata sami'ii keessatti Abirahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobiin woliin taa'an; worri jeennata keessa taa'uu malan ammoo, hulee itti booyanii fi ilkaan itti qaran gara diidaa dukkanatti gataman» jedhe. Achiin maayessa Yesuus ajajjaa dhibbaatiin, «Deemi; akkuma amantaa keetii sii haata'u» jedhe. Tajaajilaan ajajaa dhibbaallee yoma san fayye. Yesuus hennaa mana Pheexroosii dhaqe, soddaatiin Pheexroosii oo'aa fi haxaxxe'een dhibamtee ka ciifteertu arge. Inni harka isi'ii hennaa qaqqabe haxaxxeenii fi oo'i isii dhiise. Isiinillee kaatee isaan tajaajilte. Haga aduun dhiiteen maayii, namoota jinni'iin qabaman heddu isaanii gara Yesuusii fidan. Innillee dubbii ufiitiin jinnoota baasee, worra dhibame maraa fayyise. Wonti Isaayaas raattichi, «Inni dadhabbii keenna nu irraa fudhate. Dhukkuba keennallee baate» jedhe haa raawwatamu'uuf inni kana godhe. Yesuus namoonni hedduu akka isa marsan argee, gama akka ceeyan darasoota ufii ajaje. Barsiisaan Seera Muuse'ee tokko gara isaa dhufee, «Barsiisaa'a! bakka ati dhaxxu maraa si faana deema» jedheen. Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla qabdi; simbirtillee mana qabdi; Ilmi namaa ammoo hulee mataa ufii itti irkifatu hin qabu» jedheen. Darasoota isaa keessaa tokko Yesuusiin, «Gooftaa'a! Duraan dursee dhaqee abbaa kiyya akka awwaalu na hoffolchi» jedheen. Yesuus ammoo, «Ati na faana koottu! Du'aan du'aa ufii haa awwaalatuu» jedheen. Hennaa Yesuus gara yabalaa seenu, darasoonni isaallee isa faanaa deeman. Dambaliin yabala liqimsuu geennaan guddisanii raafaman; hennaa san Yesuus rafeera. Darasoonni gara Yesuusii dhaqanii, maal bannee Gooftaa keenna! Nu hambisi jedha'aa isa dammassan. Yesuus deebisee, «Isin bada worra amantaa dhidhu'uu maaf sodaattan?» jedheen. Achiin maayessa inni ol ka'ee bubbe'ee fi dambalii teedeffate, yoma san dambaliin cadhise. Kana irratti namoonni maalalfatanii, «Ka bubbeenii fi dambaliin ajajamuuf kun, nama attamiiti?» jedhan. Hennaa Yesuus gama ceeyee biyya Gergesenoonii dhufe, namoonni lamaan jinniin dhayeeru bakka awwaalaatii bayanii itti dhufan; isaan guddisanii hammeeyyii waan turaniif haga namni karaa saniin lufuu dadhabutti sodaachisa'aa turan. Isaanillee, «Yesuus, Ilma Rabbii, maal nu irraa qabda? hennaan uduu hin geenne nu rakkisu'uuf dhuftee?» jedha'aa iyyan. Gobbuun booyye'ee heddu, isaan irraa fagaatanii bobbayanii dheeda'aaran. Jinnoonnillee, «Yoo ka nu baaftuu gara gobbuu booyyotaa san nu ergi» jedhanii isa kadhatan. Yesuus, «Dhaqaa'a!» isaaniin jennaan, jara keessaa bayanii booyyotatti galan. Gobbuun booyye'eellee ededa irraa gugatanii gara galaanaa ariifata'aa garba keessatti liqimfamanii du'an. Worri booyyee tissan baqatanii qachaa seenanii, waan ta'ee fi waan namoota seexanni qabeeru irratti ta'e maraa achitti odeessan. Achiin maayessa namoonni qachaa san keessaa martinuu, Yesuusiin argu'uuf dhufan; Isaan hennaa dhufanii isa argan, akka inni biyya isaanii keessaa bayee deemu isa kadhatan. Yesuus yabala yaabbatee galaana ceeyee gara qachaa ufii dhufe. Jarri tokko achitti namicha nafti isaa laamshayee itillee irra ciiseeru tokko gara isaa fidan. Yesuus hennaa amantaa isaanii arge, namicha laamshayaa saniin, «Ilma kiyya, jabaadhu! Cubbuun kee sii dhiifameeraa» jedheen. Achiin maayessa barsiisonni Seera Muuse'ee gariin, «Namichi kun Rabbiin arrabsa» jedhanii garaa ufii keessatti yaadan. Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin maaf waan hamtuu akkasii garaa keessan keessatti yaaddan? ‹Cubbuun kee sii dhiifameera› jechu'u moo yookiin, ‹Ol ka'ii deemi› jechuu irra kamtu salpha'a? Haata'uu ammoo, Ilmi namaa biyya lafaa irratti dhiifamsa cubbu'uu kennu'uuf baallii akka qabu beekaa'a!» isaaniin jedhe. Namicha laamshayaa saniin, «Ka'ii Itillee tee baadhadhuu deemi!» jedheen. Namichillee ol ka'ee gara mana ufii deeme. Baniin haga kana argan maalalanii, Rabbii baallii akkanaa namaa kenne ulfeeffatan. Yesuus achii ka'ee uduu karaa san irra lufa'aaru, namicha Maatewoos jedhamu, ka bakka qaraxaa taa'ee qaraxu tokko argee, «Na faana koottu» jedheen. Innillee ol ka'ee isa faanaa deeme. Yesuus mana Maatewoosiititti uduu hurbaata nyaachu'uuf taa'eeru, worri qaraxa guuruuf cubbamoonni hedduu nyaachu'uuf, Yesuusii fi darasoota isaa woliin taa'an. Worri Fariisotaa kana arganii, darasootaan, «Barsiisaan keessan maali'iif worra qaraxa guuruu fi cubbamoota woliin nyaata?» isaaniin jedhan. Yesuus hennaa kana dhagaye, «Dhukkubsattootaaf malee, worra fayyaa qabaniif ogeessi qorichaa isaan hin barbaachisu jedhe. Haata'uu ammoo dhaqa'aatii barreeffama araaraa barbaadaa malee, ciinca'aa miti dubbii jedhu hiikkaan maal akka ta'e baradhaa'a. Ani Cubbamoota gara araaraa waamu'uuf dhufe malee, qajeellota waamu'uufii miti» isaaniin jedhe. Gaaf tokko darasoonni Yohaannisii gara Yesuusii dhufanii, «Nu'uu fi Fariisonni hennaa hedduu hin soomna. Darasoonni tee ammoo maali'iif hin soomne?» jedhaniin. Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Worri jaalaa Idaayyaan uduu isaan woliin jiru hin gaddanii? Haata'uu ammoo ji'oonni idaayyaan isaan biraa fudhatamu hin dhufa; hennaa san sooman. «Eennullee ka uffata haarawa uffata moofa'atti dhaabee hodhu hin jiru. Yoo itti dhaabamee hodhame uffanni haarofni uffata moofaa hin tarsaasa, tarsa'iinsi isaallee ka duraa caala. Akkasuma daadhii woyni'ii ta hin bayiin qalqala moofa'atti eennullee hin naqu; Yoo naqame ammoo, qalqalli sun hin dhooya, daadhiin woyini'iillee hin jiga, qalqallillee hin bada; haata'uu ammoo daadhiin hin baane qalqala haarawatti naqama; yoo san daadhiinii fi qalqallillee hin badu.» Yesuus uduu kana isaanitti hima'aaru bulchaan Mana sagada Yihuudotaa gara isaa dhufee, isa afo'otti jilbiiffatee, «Mucattiin tiyya amma na jalaa duute; ati ammoo koottuutii harka kee isii irra kaayi; lubbuun isi'iillee itti deebitii» jedhe. Yesuus ka'ee darasoota ufii woliin isa faanaa deeme. Dubartiin woggaa kudha lamaaf dhiinni isi'ii dhaabatuu didee rakkata'aa turte takka isa duubaan dhuftee handaara uffata Yesuusii tuxxe. Isiin garaa ufii keessatti, «Yoma uffata isaa callaa tuqee, ani hin fayya» jettee yaadde. Yesuus garagalee isii argee, «Intala tiyya, jabaadhu! amantaan kee si fayyiseera» jedheen; dubartittiinillee yeroma san irraa jalqabdee fayyite. Yesuus hennaa gara mana bulchaa mana sagada Yihuudotaa gaye, worra xurumbaa afuufanii fi banii wocu argee, «Asii gad-bayaa'a! Mucattiin hin rafteerti malee, hin duune» isaaniin jedhe. Isaan guddisanii itti kolfan. Haga gumii mana keessaa baaseen maayessa gara hulee mucattiin jirtuu seenee harka isi'ii qabe, isiinillee ol kaatee dhaabatte. Oduun waan inni hojjate kanaa biyya maraa keessatti dhagayame. Yesuus achii ka'ee uduu deema'aaru, namoonni ballaan lamaan, «Ilma Daawitii, nu fayyisi!» jedha'aa iyya'aa isa faanaa deeman. Hennaa inni gara manaa seene, balloonni gara isaa dhufan; Yesuusillee, «Akka Ani kana godhuu danda'u hin amantanii?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Ee, Gooftaa kiyya!» jedhaniin. Achiin maayessa Yesuus, «Akka amantaa keessanii isinii haa ta'u jedhee ija isaanii qaqqabe. Ijji isaaniillee hin banamte. Achiin maayessa Yesuus, eennullee akka hin beenne uf eeggadhaa'a» jedhee jabeessee isaan seere. Isaan ammoo achii bayanii biyya san marattuu waan isaa odeessan. Namoonni ija balla'aa uduu achii baya'aaran jarri takka namicha afaan duudeeru ka jinniin dhaye tokko gara Yesuusii fidan. Haga Yesuus jinnii isa keessaa baaseen maayessa, namichi afaan isaa duuda'aa sun hin dubbate. Baniin baaseffatee, «Wonti akkanaa kun Israa'eeliin keessatti sirimaa ta'ee hin beeku!» jedhan. Fariisoonni ammoo, «Inni hunna mootii jinni'iitiin jinnii baasa» jedhan. Yesuusillee Mana sagada Yihuudotaa keessatti barsiisa'aa, Oduu Nagayaa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, dhukkubaa fi dhibee maraa fayyisa'aa qachootaa fi gandoota maraa keessa deddeeme. Inni akka hoolota tissee hin qabnee banii rakkatee fi gargaarsa hin qabne hennaa arge isaanii nayee, darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Midhaan haamamu gudda'a worri haamu ammoo hago'o. Eegasuu abbaan midhaanii worra haamu gara midhaan haamamuu akka ergu faateeffadhaa'a» isaaniin jedhe. Yesuus darasoota kudha lamaa gara ufii waamee, ayyaana battii akka baasan, dhukkubaa fi dhibee maraa akka fayyisan baallii isaanii kenne. Maqaan ergamtoota kudha lamaan kanniinii ka duraa, Simoonii «Pheexroos» jedhamu fi obboleessa isaa Indiriyaas; ilmaan Zabdiwoosii, Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannis; Filiphoos, Bartolomewoos, Toomaas, Maatewoosii qaraxa qaraxu Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoosii Libidiyuus jedhamu. Simoonii hinaafticha, Yihuudaa nama biyya keriyoot ka Yesuusiin dabarsee kenne. Yesuus ergamtoota kudha lamaa kanniin akkana jedhee seeree isaan erge. «Gara worra Yihuudota hin taanee hin dhaqinaa'a, yookiin qachoota Samaariya'aa hin seeninaa'a. Kanaa mannaa, gara worra akka hoolotaa karaa irraa badanii mana Israa'eelii dhaqaa'a! jedhe. Akkuma dhaxxaniin, jeennanni sami'ii dhiyaatteerti jedha'aa lallabaa'a. Dhibamtootallee fayyisaa'a, worra du'an kaasaa'a, worra dhibee gogaa kukkutu qaban fayyisaa'a. Jinnii baasaa'a, waan tola fudhattan tolumaan kennaa'a. Korojoo keessan keessatti, worqii yookiin meetii yookiin sibiila diimaa qabattanii hin deeminaa'a. Imala keessaniif korojoo yookiin shamisii lama yookiin kophee yookiin ulee hin qabatinaa'a. Hojjata'aaf nyaanni waan barbaachisuuf haa kennamuufii. Isin gara qacha'aa yookiin ganda tokkoo hennaa seentani, haga achii baataniif mana nama isin simatee san taa'aa'a. Yoo mana tokko seentan, nagaya isaan gaafadhaa'a. Abbaan manaa nagaya keessan yoo isinirraa fudhate, nageenni keessan isaanii haa ta'u, yoo fudhachuu baatan ammoo nageenni keessan isinii haa deebi'u. Ka isin hin simanneef ka dubbii keessan hin dhageenne yoo jiraate, mana sanii yookiin qachaa sanii yoo baatan, daaraa luka keessanii dhadhayadhaa'a. Ani dhugamaan isiniin jedha, guyyaa murti'ii san qachaa san irra biyya Soodoomii fi Goomoora'aatii hin salphata» jedhe. Yesuus ammallee, «Ani akka hoolotaa Yayyii jidduu isin erga; maarre akka Bofaa qaroo, akka handari'ii gara-laafeyyii ta'aa'a. Haata'uu ammoo, gara Gumi'ii dabarsanii isin kennan. Manniin sagada Yihuudotaa keessatti waan isin tumaniif, namoota irraa uf eegaa'a. Sababaa kiyyaaf isinitti murteessu'uuf jedhanii, gara bulchootaa fi moototaa isin dhiyeessan, isaaniif worra Yihuudota hin taane afo'otti worra ragaa naa bayu taatan. Hennaa dabarsanii isin kennan, wonti dubbattan hennama san waan isinii kennamuuf, attamitti yookiin maal akka dubbattan hin yaadinaa'a. Ka isin keessaa dubbatu Ayyaana Abbaa keessanii ka samii jiruuti malee, ka dubbatu isinii miti. Obboleessi obboleessa ufii, abbaanillee ilma ufii dabarsee du'aaf kenna. Ijoolleen worra ufii irratti hin ka'an, hin ajjeesanille'e. Naaf jettanii nama maraa afo'otti worra jibbame taatan. Ka haga dhumaa jabaate ammoo hin fayya. Qachaa tokko keessatti yoo isin rakkisan, gara qachaa biraatitti dheessaa'a. Dhugamaan isiniin jedha, haga Ilmi Namaa dhufuuf qachoota Israa'eelii keessa deemtaniituu hin fixxan. Barataan barsiisaa ufii, hojjataanillee hojjachiisaa ufii hin caalu. Barataan akka barsiisa'aa, hojjataanillee akka hojjachiisaa ufii haa ta'uu. Eega abbaa manaatiin Bi'elizebul jedhan, maatii isaatiin ammoo attamitti kana caalaa hin jenneeniree! Kanaafuu isaan hin sodaatinaa'a, wonti golgame mudhatuu hin oolu, wonti dhokatellee ifa bayuu hin oolu. Waan ani dukkana keessatti isinitti himu, isin ifaan dubbadhaa'a. Waan hasaassi'iin dhageettan gumii afo'otti lallabaa'a. Worra Foon namaa ajjeesee lubbuu ammoo ajjeesuu hin dandeenne hin sodaatinaa'a. Rabbii lubbu'uu fi foonillee asaaba keessatti gatuu danda'u sodaadhaa'a. Sinbirroonni didiqqoon lamaan saantibii tokkotti gurguramanii mii? Fedhii Abbaa keessanii ka samii jiruu malee, isaan keessaa tokkottiinillee lafa hin buutu. Rifeensi mataa keessanii martuu laakkayameera. Kanaafuu isin sinbirroota didiqqoo hedduu waan caaltaniif hin sodaatinaa'a. Ammallee Yesuus, «Ka nama afo'otti ragaa naa bayu maraafuu, anillee Abbaa kiyya ka samii jiru afo'otti ragaa isaa baya. Ka afoo namaatitti na waakkatu maraa, anillee akkasuma Abbaa kiyya ka samii jiru afo'otti isa waakkadha.» Yesuus ammallee, «Ani lafa irratti nagaya buusu'uuf waan dhufe isinitti hin fakkaatin; lola malee, nagaya buusu'uuf hin dhufne. Ani ilma abbaa irraa, intala haadharraa, soddaatii soddaa irraa adda fooyu'uuf dhufeera. Diintonni keessan, maatima keessan keessaa ta'a. Namni na caalaa abbaa ufii yookiin haadha ufii jaalatu naaf hin malu. Ilma ufii yookiin intala ufii ka na caalaa jaalatu naaf hin malu. Fannoo baatee na faanaa ka hin deemne naaf hin malu. Namni lubbuu ufii jaalatu hin balleeffata, naaf jedhee lubbuu ufii ka balleeffatu ammoo hin argata.» Ka isin simatu na simata. Nallee ka simatu ka na erge simata. Ka raaga maqaa raagaatiin simatu, gatii raagaa argata. Ka nama qajeelaallee maqaa qajeellumma'aatiin simatu gatii qajeela'aa argata. Eennullee worra gad-aanaa kanniin keessaa, waan inni darasaa kiyya ta'eef, bisaan qabbanaayaa xuwwee tokkottii obaasu, dhugamaan isiniin jedha gatii ufii argata. Yesuus darasoota kudha lamaan seera ufii itti kennee haga bobbaaseen maayessa, achii ka'ee gara qachoota naannaya Galiila'aa keessatti lallabu'uu fi barsiisu'uuf dhaqe. Yohaannis cuuphaan mana hidha'aa uduu jiru hujii Kiristoosii dhagayee, darasoota keessaa lamaan ergeeti, Ka dhufu si'i moo ka biraa eenna? jedheen. Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe. Deema'aatii ka argitaniif ka dhageettan Yohaannisitti himaa'a. Balloonni hin argan, worri hokkolan hin deeman, worri dhukkuba gogaa kukkutuun qabaman hin qulqullaayan, ka gurraan hin dhageenne hin dhagayan, worri du'anillee hin ka'an. Hiyyeeyyi'iifillee Oduun Nagayaa hin lallabama. Namni waan kiyya hin mamne maruu ka eebbifame. Darasoonni Yohaannisii cuupha'aa akkuma lixaniin, Yesuus akkana jedhee bani'itti waan Yohaannisii himuu jalqabe. Maal laalu'uuf gara lafa udume'ee baatan? Oyyaa Leemmanii ka bubbe'een socho'u laalu'uuf moo? Maal laalu'uuf? nama uffata haarrii babbareedaa uffatee? Kunoo worri uffata haarrii babbareedaa uffatan mana moototaa keessa jiran. Moo maal laalu'uuf? Raagaa? Ee dhugamaan isiniin jedhaa, ka raaga caalu argitan. Inni, ka Barreeffamni Woyyuun, ‹Kunoo ergamaa kiyya ka karaa sii tolchu si afo'otti erga› jedhee dubbateera. Dhugamaan isiniin jedha, worra dubartoota irraa dhalatan keessaa ka Yohaannis cuuphaa caalu hin argamne. Jeennata sami'ii keessatti ka maraa irraa gadiititu isa caala. Bara Yohaannisii cuuphaa irraa jalqabee, haga ammaa jeennanni sami'ii hunnaan dhiibama'aarti; worri itti galu'uuf jabaatanii tattaafatan hin argatan. Raattonni maraa fi seerri Muuse'ee haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti raaganiiran. Yoo dubbii isaanii fudhachuu feetan, Yohaannisiin kun, Eeliyaasii hin dhufa jedhame san. Ka Gurra dhagayu qabu haa dhagayuu. «Dhaloota kana maali'iin wol fakkeessa? Inni akka ijoollee lafa gabaya'aa taa'anii hiriyyoota isaaniitiin, Xurumbaa isinii afuufne, isin ammoo hin hamoommonne, faaruu booyaa isin dhageessifne, isin ammoo hin gaddine. Yohaannis uduu hin nyaanneef hin dhunne dhufe. Isaan ammoo, ‹Inni jinnii qaba› jedhan. Ilmi Namaa nyaata'aa dhuga'aa hennaa dhufe, Isaan ammoo, ‹Daadhii woyini'ii dhugu'uuf ka nyaatee hin quufne hiriyyaa qaraxxootaatii fi cuubamtootaa ti› jedhaniin. Haata'uu ammoo Ogummaan Rabbii, hujii ufiitiin mirkanoofteerti» jedhe. Achiin maayii Yesuus worra qachoota maalalee ufii inni irra caalaa keessatti hojjete keessa jiraatan waan isaan cubbuu irraa deebi'uu didaniif isaan komate. Kurraasii, si aanne'e! Beetasayidaa'a, si aanne'e! Maalaleen isin keessatti godhame Xiroosii fi Siidonaa keessatti uduu godhamee jiraatee, silaa baniin achii yoosuu uffata gaddaa uffatanii, daaraa ufitti firfirsanii, silaa bara dheera'aan duratti cubbuu irraa deebi'aniiran. Maarre ani akkana isiniin jedha, guyyaa murti'ii san, isin caalaa Xiroosii fi Siidona'aa hin salphata. Atillee Qifirnaahoom, haga sami'ii ol uf qabuu feetee? gara asaabaa hin buuta. Maalaleen si keessatti godhame uduu Soodomitti godhamee jiraatee, isiin silaa haga adhaa hin jiraatti. Haata'uu ammoo akkana isiniin jedha, guyyaa murti'ii san, si caalaa biyya Soodoomiitii hin salphata. Hennaa san Yesuus deebisee akkana jedhe, Abbaa kiyya Gooftaa Sami'iitii fi Ardii kanaa waan maraa ogeeyyi'ii fi beettota jalaa dhossitee, daa'immanitti waan mudhifteef si galateeffadha. Ee Abbaa kiyya, fedhiin kee si afo'otti akkana waan ta'eef, ani waan kanatti gammadeera. Wonti martinuu Abbaa kiyya irraa naa kennameera. Abbaa malee ka Ilma beeku hin jiru. Akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutu Abbaa beeka malee, eennullee ka Abbaa beeku hin jiru. Isin dadhabdoonni worri ba'aan keessan isinitti ulfaate maruu gara kiyya koottaa'a. Ani hara isin baafachiisa. Qanbaraa kiyya baadhaa'a. Narraallee baradhaa'a. Ani gara laafeessaa fi Kasoo waan ta'eef, lubbuu teessaniin harabaafata argatanii. Qanbaraan kiyya haphi'i, ba'aan kiyyallee salphaa waan ta'eef. Guyyaa Sambata diqqa'aatiin uduu Yesuus maasaa keessa lufa'aaru, Barattoonni isaallee waan beelayaniif asheeta kukkutanii nyaachuu jalqaban. Fariisoonni kana arganiiti, Yesuusiin «Kunoo, darasoonni tee guyyaa Sambataatiin waan seerri hin kennine godha'aaran» jedhaniin. Gadoonni guyyaa Sambataa mana woyyuu keessatti, Sambataan hojjatanii akka hin yakkine, isin Seera Muuse'ee keessatti hin dubbifnee? Haata'uu ammo ani isinitti hima, ka mana woyyuu caalu asi jira. Isin ammoo, «Ani ciincaa irra araara jaaladha ka jedhame maal akka ta'e uduu beettanii, worra yakka hin qabnetti hin murteessitan. Maarre, Ilmi Namaa Sambataafillee Goofta'a.» Yesuus achii ka'ee mana sagada Yihuudotaa seene. Namichi harka naafate tokko achi jira. Jarri Yesuusiin himatu'uuf soqan gariin, «Guyyaa Sambata diqqa'aatiin isa fayyisuun seerumaa?» jedhanii isa gaafatan. Yesuus deebisee, «Isin keessaa namni Hoolaa tokko qabu, guyyaa Sambataatiin boollatti yoo jalaa badde ka hin baafne eennu? Eegasuu namni attamitti Hoolaa hin caalle? Kanaafuu guyyaa Sambata diqqa'aa tiin waan mishaa hojjatuun seeruma» jedhe. Achiin maayessa Yesuus, «Namichaan harka kee diriirsi» jedheen. Namichillee hennaa harka diriirfate, harki isaa fayyee, akkuma harka fayyaalessa kaanii ta'e. Fariisoonni ammoo bayanii, attamitti akka isa balleessan mari'atan. Yesuusillee yaada isaanii beekee, achii siiqe. Namoonni hedduu isa faanaa deemanii isaan maraa hin fayyise. Waan isaa eennuttillee akka hin himne isaan seere. Kunillee ka raatticha Isaayyaasiin raagame akka raawwatamuuf ta'e; wonni raagamellee, «Kunoo, hojjataan kiyya, ka ani filadhe, jaalatamaa kiyya, ka lubbuun tiyya guddiftee itti gammadde. Ayyaana kiyya isa irra kaaya, innillee worra Yihuudota hin ta'iniif murtii dhuga'aa lallaba. Inni hin mormu, hin wocu, yookiin eennullee laagaa isaa raasa'atti hin dhagayu. Inni murtii dhuga'aa haga irra aansutti Ooyyaa leemmaniillee hin cabsu, fooyaa ibsaa jirbi'iillee hin dhaamsu. Worri Yihuudota hin ta'innillee abdii isaa hin argatan. Achiin maayessa namicha balla'aa fi ka afaan duuda'aa, ka jinniin dhayeeru tokko gara Yesuusii fidan. Innillee namicha san hin fayyise, namichillee argu'uuf dubbatuu danda'e. Baniin martinuu maalalfatanii, «Namni kun Ilma Daawitii ta'innaa?» jedhan. Worri Fariisootaa ammoo hennaa kana dhagayan, «Inni hunna mootii jinni'ii ka Bi'eelzeebul jedhamu calla'aan malee jinniiwwan hin baasu» jedhan. Yesuus yaada isaanii beekee akkana isaaniin jedhe, «Mootummaan wolitti ka'ee gargar wol qoqqoodu maruu hin bada. Qachaan gargar wol qoqqooddu martinuu hin jiddi. Jinniinillee yoo jinnii baase, inni ufii uf qoqqooda. Eegasuu mootummaan isaa attamiin dhaabatti ree? Eegasuu yoo ani hunna Bi'eelzeebuuliitiin jinniiwwan baase, ijoolleen teessan hunna eennuutiin jinniiwwan baasan? Kanaaf ijoollema teessantu isinitti murteessa. Ani ammoo Ayyaana Rabbiitiin jinnii yoo baase, jeennanni Rabbii gara keessan dhufteerti. «Yookiin namni tokko duraan dursee uduu namicha jabaa hin hiine, gara mana namicha jabaa sanii seenee mi'a isaa saamuu attamitti danda'a? Haga namicha san hidheen maayessa mana isaa saamuu danda'a. Namni gara kiyya hin taane na morma. Namni na biratti wolitti hin qabanne ammoo hin bittinneessa. Kanaafuu akkana isiniin jedha, Cubbuunii fi nama arrabsuun martinuu namootaa hin dhiifama. Haata'uu ammoo Ayyaana Woyyuu ka arrabsuu hin dhiifamu. Namni Ilma Namaatiin mormee waa dubbatu hin dhiifamaaf. Namni Ayyaana Woyyu'uun mormu ammoo, adunyaa tanarratti yookiin adunyaa dhuftu irrattillee hin dhiifamuuf. «Munni daraaraa isaatiin waan beekkamuuf, daraaraa mishaa akka qabaattaniif, muka mishaa qabaadhaa'a; muka daraaraa badaa daraaru yoo qabaattan, Daraaraa badaa argattan. Isin ijoollee bofaa! isin hammeeyyii taatanii, attamitti dubbii mishaa dubbachuu dandeettan? waan garaa guute afaan dubbata. Namni mishaan waan mishaa garaa ufii keessaa baasa; Namni waan hamaa garaa ufii keessatti kuufate ammoo, woma hamaa san uf keessaa baasa. Ani akkana isiniin jedha, namoonni waan hamaa dubbatan sanniin maraafuu guyyaa murti'ii deebii kennan. Dubbima teessaniin isinitti muran, dubbima teessaniin isinii muran.» Achiin maayessa barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonni gariin, «Barsiisaa'a! Nu akka ati malkata nutti mudhiftu barbaanna» jedhaniin. Yesuus ammoo deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhaloonni hamannii fi worri seebaran malkata soqan malkata raaga raatticha Yoonaasii malee, malkanni biraa hin kennamuuf. Akkuma Yoonaasiin raattichi halkan sadihii fi guyyaa sadihii garaa qurxummii guddichaa keessa ture; maarre Ilmi Namaa halkan sadihii fi guyyaa sadihii garaa lafaa keessa tura. Worri Nanawwe'ee guyyaa murti'ii san dhaloota kanniin woliin ka'anii isaanitti murteessan. Sababa lallaba Yoonaasiitiin aagii waan galaniif, Kunoo, ka Yoonaasiin caalu as jira! Mootittiin Azeeb guyyaa murti'ii san dhaloota kanniin woliin kaatee itti murteessiti. Ogummaa Solomoonii dhagayu'uuf daangaa lafaatii kaatee waan dhufteef, Kunoo ka Solomooniin caalu as jira.» Yesuus ayyaanni badaan nama keessaa hennaa bayu hulee itti harabaafatu barbaadu'uuf lafa gammoojji'ii keessa deema. Garuu womaa hin argatu. Achiin maayii, ‹Ani gara mana kiyya ka keessaa bayeetitti hin deebi'a› jedha. Hennaa deebi'u mana duwwaa ta'ee haxaayamee bareedee qophaaye arga. Achiin maayessa ayyaanni hamaan sun deemee jinnoota biraa ka isa caalaa hamaa ta'an torban qabatee deebi'ee itti gale. Haalli nama saniillee ka duraa caalaa badooma. Dhaloota hamaa kanniiniifillee akkasuma ta'a» jedhe. Uduma Yesuus gumii woliin dubbata'aaru, haatinii fi obboleewwan isaa isa dubbisu'uuf dhufan diida dhaabataniiran. Hennaa san namni tokko Yesuusiin, «Kunoo, haati teetii fi obboleewwan tee si dubbisuu barbaadanii diida dhaabataniiran» jedheen. Yesuus deebi'ee, «Haati tiyya eennu, obboleeyyan tiyyallee eennu fa'a?» jedheen. Achiin maayessa harka ufii gara darasootaa akeekee, «Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya kunoo ti! Namni fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu raawwatu maruu, obboleessa kiyyaa fi obboleettii tiyya, haadha tiyyalle'e» jedhe. Guyyaa san Yesuus manaa bayee galaana Galiila'aa bira taa'e. Gumiin hedduun isa biratti wolgayan; Yesuus yabala keessa seenee barsiisu'uuf taa'e; gumiin hedduu qarqara bisaanii dhaabataniiran. Akkana jedheeti mammaakaan waan hedduu isaanitti himuu jalqabe, «Caqasaa'a! Namichi tokko sanyii facaasu'uuf baye. Innillee uduu facaasu, sanyiin gariin karaa keessa bu'e. Simbirroonnillee dhufanii qocatanii nyaatan. Sanyiin kuun lafa dhaga'aa ka biyyee guddaa hin qabne irra bu'e; Biyyee gayaa waan hin qabneef yoma san mute. Hennaa aduun itti baate ammoo qoortee; Hidda gad fagaate waan hin qabneef godde. Sanyiin gariin qoree keessa bu'e, qoreenillee guddatee hudheen. Sanyiin kuun lafa mishaa irra bu'e, gariin dhibba, gariin jahaatama, gariin gumaa soddoma daraare. Namni Gurra dhagayu qabu haa dhagayuu» jedhe. Achiin maayessa darasoonni gara Yesuusii dhiyaatanii, «Ati maaf mammaaka kana isaanitti mammaatte?» jedhanii gaafatan. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhossaa jeennata sami'ii beekuun isinii kennameera. Isaaniif ammoo hin kennamne. Ka qabuuf, itti eda'amee waan kennamuuf heddu ta'aaf, ka hin qabne ammoo ka qabu sunuu irraa fudhatama. Wonti ani mammaaka kana isaanitti mammaakeef, waan isaan uduma laalan hin argineef, uduma caqasanuu hin dhagayan, yookiin waan hin hubanneef. Maarre raanni Isaayyaas dubbate isaan irratti raawwatameera; wonti raagamellee, ‹Dhagayuu inuma dhageettan, Haata'uu ammoo hin hubattan. laaluu inuma laaltan, Haata'uu ammoo sirima hin argitan, Qalbiin banii kanaa waan jabaateef, gurri isaanii hin dhagayu, Ijji isaanii dunuunfateera maarre isaan ija isaaniitiin hin argan, gurra isaaniitiinillee hin dhagayan, qalbii isaaniitiinillee hin hubatan, hin deebi'anille'e, anillee silaa isaan hin fayyisa› wonti jedhame raawwatameera. Ijji teessan ammoo waan argituuf, gurri keessanillee waan dhagayuuf isin worra badhaadhe. Ani dhugamaan isiniin jedha, raattonninii fi qajeellonni hedduu ka isin argitan argu'uuf hawwanii, ammoo hin argine, waan isin dhageettan dhagayu'uuf hawwanii, ammoo hin dhageenne. Yesuus ammallee, «Hiikkaa namicha sanyii facaasuu maal akka ta'e dhagayaa'a. Namni dubbii jeennataa dhagayee yoo hubatuu baate, akka sanyii karaa keessatti facaafamtee ti. Hamtichi dhufee dubbii garaa isaa keessaa san facaafame keessaa guurata. Sanyiin dhakaa irratti facaafame, akka nama dubbii dhagayee yoma san gammachu'uun fudhatuu ti. Haata'uu ammoo inni hidda hin qabu, hennamaaf jabaata malee, sababa dubbii Rabbiitiif hennaa rakkinniinii fi ari'amuun dhufee yoma san gufatan. Sanyiin qoree edduu bu'e sun nama dubbii dhagayu, ka ammoo yaanni adunyaa tanaatii fi jaalalli durumma'aa isa sobee dubbii Rabbii waan hin hubanneef ka sanyii hin godhanne ta'a. Sanyiin lafa mishaa irratti facaafame sun ammoo, nama dubbii Rabbii dhagayee hubatu fakkaata. Innillee daraaraa hin daraara. Tokko dhibba, tokko jahaatama, tokko soddoma godhata.» Yesuus mammaaka biraallee isaanitti mammaake, «Jeennanni Rabbii nama qonna isaa keessatti sanyii mishaa facaaseen wol fakkaatti. Namichi sanyii facaasee biraa lixe. Hennaa namoonni rafan ammoo, diinni dhufee qamadii keessatti sinaana facaasee deeme. Qamadiinillee mutee hennaa biile sinaanni ammoo hin mudhata. Hojjattoonni abbaa qonnaatiin, ‹Gooftaa'a, sanyii mishaa qonna kee keessatti hin facaafnee? sinaanni kun eessaa dhufe ree?› jedhaniin. Innillee deebisee, ‹Kana ka godhe diina› jedhe. Hojjattoonni, ‹Nu dhandhee uduu keessaa guurree ta'aa?› jedhaniin. Inni ammoo deebisee, ‹Lakkaa'a sinaana hennaa guurtan qamadiin akka woliin hin buqqaane dhiisaa'a! Haga hennaa haama'aatitti woliin haa guddatuu. Hennaa haamaan gaye, Ani worra haamuun, akka gubamuuf dura sinaana buqqisa'aa qixira qixira'aan hidhaa'a, qamadii ammoo gootaraa kiyyatti galchaa'a› jedhaan» jedhe. Yesuus mammaaka biraa isaanitti mammaake, «Jeennanni sami'ii nama gumaa hexoo ka namni tokko fuudhee qonna ufii keessatti facaase fakkaatti; Isiin sanyii maraa irra hin diqqaatti, Hennaa guddatte ammoo mukkiin maraa caalti. Muka dameewwan isi'ii irratti Sinbirroonni dhufanii itti quphatan taati» jedhe. Yesuus ammallee mammaaka biraa isaanitti mammaake, «Jeennanni sami'ii raacitii dubartiin takka fuutee daakuu ganaa sadihiitiin wolitti mattee ta daakuu san maraa bukeessitu fakkaatti» jedhe. Yesuus mammaakaan waan kana maraa gumi'itti dubbate; mammaakaan malee waan tokkollee isaanitti hin dubbanne. Wonni raagaan, «Mammaakaan afaan saaqadha; uumamuu Adunya'aatii jalqabee waan dhokate dubbadha» ka jedhe kanaan raawwatame. Achiin maayii Yesuus gumii dhiisee mana seene. Darasoonni isaallee gara isaa dhiyaatanii, «Mammaaka sinaana qonna qamadii keessaa nuu hiiki» jedhaniin. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, ka sanyii mishaa facaasu Ilma Namaa ti; Maasaan biyya lafaa ti; sanyiin mishaan ijoollee jeennataa ti. Sinaanni sun ammoo ijoollee hammeeyyi'ii ti. Diinni sinaana facaase daabiloos. Haamaan dhuma biyya lafaa ti; worri haamu maleekkota Rabbiiti. Akkuma sinaanni wolitti qabamee ibiddaan gubatu, dhumti adunyaa tanaa akkasuma ta'a. Ilmi Namaa maleekkota ufii hin erga. Isaanillee worra cubbu'uuf sababa ta'aniif worra hammeeyyii ta'an maraa jeennata isaa keessaa wolitti qaban. Hulee isaan booya'aa ilkaan itti qaran, qilee ibiddaatitti isaan gatan. Hennaa san qajeellonni jeennata Abbaa isaanii keessatti akka adu'uu ifan. Namni gurra dhagayu qabu haa dhagayuu. Akkasuma Yesuus, «Jeennanni sami'ii qabeenna lafa keessatti dhoffamte, ka namni tokko argee deebisee dhosse fakkaatti; namichi kana argee haga dhosseen maayessa gammada'aa deemee waan qabu maraa gurguree maasaa san bitate. «Ammallee, jeennanni sami'ii daldalaa mi'a mishaa bitatu'uuf soqu fakkaatti. Daldalaan sun mi'a gatii gudda'aa takka hennaa arge deemee waan qabu maraa gurguree isii bitate. «Ammallee, jeennanni sami'ii siiboo gara galaanaa darbamtee, qurxummii adda addaa wolitti qabdu fakkaatti. Hennaa siiboon guuttamte, isaan gara qaccee galaanaa baasan. Taa'anii qurxummii mishaa keessaa guuraniiti keeshee keessa kaayan. Badaa ammoo hin gatan. Hennaa dhuma adunyaa tanaa akkana ta'a. Maleekkonni dhufanii, cubbamootaa fi qajeellota adda baasan. Hulee isaan booya'aa ilkaan itti qaran, qilee ibiddaatitti gatan» jedhe. Yesuus, «Kana maraa hubattaniirtu?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee deebisanii, «Ee» jedhan. «Kanaafuu barsiisaan seeraa ka dhossaa jeennata sami'ii sirri'itti beeku, abbaa manaa ka mana ufii keessaa mi'a haarawaa fi moofaa gad baasu fakkaata.» Yesuusillee mammaaka kanniin haga fixeen maayessa achii ka'ee deeme. Gara biyya ufiititti deebi'ee Mana sagada Yihuudotaa seenee haga isaan isa maalalanitti isaan barsiisa'aa ture. Isaanillee, «Namichi kun oggummaa kanaa fi hunna maalalee kana ittiin hojjatu eessaa argate?» jedhan. Kun ilma namicha muka bocuutii mii? Haatillee Maariyaam jedhamtii mii? obboleeyyan isaallee Yaaqoob, Yoosaa, Simoonii fi Yihuudaa fa'aa mii? Intallan haadhaa isaa maruu nu bira jiranii mii? Inni waan kana maraa eessaa argate? Kanaaf isaan isa tuffatan. Yesuus ammoo isaaniin, «Raanni tokko biyya biraatitti malee, biyya ufiitii fi mana ufii keessatti ulfinna hin argatu» jedhe. Sababa amanuu dhabuu isaaniitiif, Inni baasota hedduu achitti hin hojjanne. Bara san bulchaan kutaa arfaffa'aa Heroodis seenaa Yesuusii dhagayee, Hojjattoota ufiitiin, «Kun Yohaannisii cuupha'atu du'aa ka'eera. Kanaaf hujiin maalaleen kun isaan hojjatamte» jedhe. Heroodis sababaa Heroodiyaadaa haadha manaa obboleessa ufii ta Filiphoosiitiif jedhee, Yohaannisiin qabsiisee mana hidha'aatitti hiisisee ture. Yohaannis Heroodisiin «Haadha manaa obboleessa keetii fuudhuun seeraa miti» jedheenii ture. Heroodiis, Yohaannisiin ajjeesisuu barbaade, gumiin ammoo akka raagaatitti waan isa laalaniif sodaate. Haata'uu ammoo guyyaa ayyaana dhaloota Heroodiisii mucattiin Heroodiyaada'aa isaan jiddu'utti sirbiteeti, Heroodiisiin guddiftee gammachiifte. Kanaafuu Heroodiis waan isiin isa kadhatte maraa kennu'uufiif kaku'uun waadaa galeef. Isiinillee haadhaan gorfamtee, «Ammuma mataa Yohaannisii cuupha'aa qorii keessa kaayii naa kenni» jette. Mootiinillee hin gadde; Haata'uu ammoo waan dura kakatee fi namoota isa woliin jiraniif jedhee, mataa Yohaannisii muranii akka isi'ii kennan ajaje. Innillee nama gara mana hidha'aatitti ergee, mataa Yohaannisii mursiise. Mataa isaallee muranii Qorii keessa kaayanii fidanii mucatti'ii kennan; Isiinillee fuutee gara haadha ufii fidde. Darasoonni Yohaannisii cuupha'aa dhaqanii, reeffa isaa fidanii awwaalanii deebi'anii Yesuusitti odeessan. Yesuusillee du'a Yohaannisii hennaa dhagaye, hulee sanii ka'ee hojja ufii yabalaan gara lafa udume'ee dhaqe. Baniinillee akka inni deeme hennaa dhagayan, qachaa keessaa bayanii miilaan isa faanaa deeman. Yesuus yabala keessaa bayee banii heddu argee, isaaniif gaddee dhibamtoota isaaniillee fayyise. Hennaa lafti dhiite, darasoonni gara isaa dhiyaatanii, «Lafti udume'e, laftillee dhiiteerti kanaaf gara gandootaa dhaqanii waan nyaatan akka bitatan gumii kana gad dhiisi» jedhaniin. Yesuus ammoo, «Dhaquu isaan hin barbaachisu, isinuu waan nyaatan kenna'aaf!» isaaniin jedhe. Isaanillee deebisanii, «Nu xoroshoo shanii fi qurxummii lamaa malee, asii womaa hin qabnu» jedhaniin. Yesuus, «Sanuma as fidaa'a!» jedhe. Achiin maayessa inni gumiin marga irra akka taa'an ajaje. Xoroshoo shanii fi qurxummii lamaa fuudhee, gara sami'ii ol laalee, galateeffatee xoroshoo caccabsee, darasootatti kenne; darasoonnillee gumi'iif kennan. Gumiin martinuu nyaatanii quufanii; hambaa irraa hafe, xoroshoo gindoo kudha lama guutuu fuudhan. Worri nyaate dubarti'ii fi ijoolleen uduu hin laakkayamin, dhiirti callaan kuma shan. Yesuus uduu gumii geegessa'aaru darasoonni isaa yabala keessa seenanii gara gamaa akka isa firrisanii bayan isaanitti hime. Yesuus gumii haga geegesseen maayii, faateeffachu'uuf hojjuma ufii gara gaaraa ol baye. Hennaa galgaloofte, inni hojjuma ufii achi ture. Hennaa san yaballi ammoo, galaana edduu uduu deema'aartu bubbeen waan gara afo'ootiin bubbisa'aa tureef, dambali'iin asii fi achi raafamte. Halkan keessa gara iyya lukkuu lammaffa'aa Yesuus galaana irra deema'aa gara isaanii dhufe. Darasoonni isaa uduu inni galaana irra deemu arganii, bararraaqanii, «Kun ekera'a» jedhanii sodaatanii iyyan. Hennama san Yesuus ammoo, «Jabaadhaa'a! anaa, hin sodaatinaa'a!» jedhee dubbate. Pheexroosillee deebisee, «Gooftaa'a, yoo si taate, gara kee bisaan irra akka dhufu na ajaji» jedheen. Yesuus deebisee, «Koottu!» jedheen. Maarre Pheexroos yabala keessaa bu'ee gara Yesuusii dhaqu'uuf, bisaan irra deeme. Haata'uu ammoo, hunna bubbe'ee hennaa arge, sodaatee liqimfamuu jalqabee jennaan, «Gooftaa'a, na oolchi.» jedha'aa iyye. Yesuus yoma san harka ufii hiixatee, isa qabee, «Ati bada nama amantaa dhidhu'uu! Maaf mamte?» jedheen. Hennaa Yesuusii fi Pheexroos yabala keessa seenan qilleensi cadhise. Worri yabala keessa turan, «Dhugamaan ati Ilma Rabbiiti» jedhanii sagadaniif. Yesuusii fi darasoonni isaa hennaa gama ceeyan, lafa Genesaarexi jedhamtu gayan. Worri hulee san jiran Yesuusiin ta'uu haga beekan, gara biyya naannaya isaanii jiran marattuu erganii, dhukkubsattoota maraa gara isaa fidan. Qaccema uffata isaa callaa tuqanii fayyu'uuf isa kadhatan. Worri isa tuqe maruu hin fayye. Achiin maayessa Fariisotaa fi barsiisonni Seera Muuse'ee Yeruusaaleemii gara Yesuusii dhiyaatanii, «Darasoonni kee maaf aadaa manguddootaa hin kabajjine? isaan hennaa xoroshoo nyaatan harka ufii hin dhiqatan!» jedhaniin. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Isin aadaa keessaniif jettanii, maaf seera Rabbii kabajjuu diddan? Rabbi, ‹Abbaa keetii fi haadha tee kabajji!› akkasuma, ‹Namni abbaa ufii yookiin haadha ufii arrabsu horomaa du'uu barbaachisa qaba!› jedhee seere. Isin ammoo, ‹Namni tokko abba'aan yookiin haadhaan, gargaarsi isin na biraa argata'aa turtan Rabbiif kenneera yoo jedheen, inni abbaa fi [haadha ufii] kabajjuu hin barbaachisu› jettan; aadaa teessaniif jettanii, seera Rabbii diiddan. Isin fakkeessitoota! Isaayyaas waan keessan raagee, ‹Baniin kun afaaniin na kabajja, garaan isaanii ammoo narraa guddaa ka fagaate; Baniin kun ajaja namaa akka seera Rabbiititti barsiisa'aa, ufii ammoo, duwwama na kaddaamani› ka jedhe dhuga'a» jedhe. Achiin maayessa Yesuus gumii gara ufii waamee, «Dhagayaa'a, hubadhalle'e: Wonti nama batteessu waan afaan namaa keessaa bayu malee, waan gara afaan namaa seenuu miti» isaaniin jedhe. Achiin maayessa barattoonni gara isaa dhufanii, «Worri Fariisotaa waan ati jette haga dhagayan akka gufatan beettaa?» jedhaniin. Yesuus ammoo deebisee, «Biqiltuun Abbaan kiyya ka sami'ii hin dhaabne maruu hin buqqa'a. Waan isaanii dhiisaa'a; isaan ballaa ballaa masakku. Ballaan ballaa yoo masakke lamaanuu wol qabatanii boollatti badan» jedhe. Pheexroos ammoo deebisee, «Mammaaka kana nuu hiiki» jedheen. Achiin maayessa Yesuus akkana jedhe, «Isinillee haga ammaa worra qaabii hin qabnee? Wonti gara afaanii seenu maruu gara gara'aa gadi lufee, nafa namaa keessaa akka bayu hin argitanii? Wonti afaan keessaa bayu ammoo garaa keessaa waan bayuuf ka nama batteessu isa. Sababaanillee garaa keessaa yaanni hamaan, ajjeesuun, seebaruun, hatuun, sobaan ragaa bayu'uu fi arrabsuu kanniin fa'atuu baya. Wonti nama batteessu waan kana malee, harka uduu hin dhiqanne nyaatuun nama hin batteessu» jedheen. Yesuus achii bayee gara biyya Xiroosii fi Siidoonii deeme. Achiin maayessa dubartiin biyya Kana'aanii takka hulee sanii dhuftee, «Ilma Daawitii, Gooftaa'a! Mucattii tiyya jinniin dhayee waan rakkata'aartuuf, naa fayyisi» jedha'aa iyyite. Inni ammoo womaa isi'iif hin deebifne. Darasoonni isaallee dhufanii, «Isiin iyya'aa waan nu duukaa deema'aartuuf, isii uf irraa geegessi!» jedha'aa isa kadhatan. Yesuus deebisee, «Ani banii Isiraa'eelii ta akka hoolotaa baddeef malee ta biraatiif hin ergamne» jedhe. Isiin ammoo dhufteeti isa afo'otti jilbiinfattee, «Gooftaa'a, na gargaar» jettee sagaddeef. Yesuus deebisee, «Hurbaata ijoolle'ee fuudhanii sare'ee darbuun hin ta'u» jedhe. Isiin deebitee, «Ee, Gooftaa kiyya, sareenillee woma qorii Gooftaa isaanii irraa harca'u nyaatti» jette. Achiin maayessa Yesuus deebisee, «Dubartii nana, amantaan kankee gudda'a! Akkuma hawwii keetii siif haata'u» jedheen. Mucattiinillee yoma san fayyite. Yesuus galaana Galiila'aa bira lufee, gaararra bayee achi taa'e. Gumiin hedduu naaftota, balloota, worra duudotaa fi ka biraallee heddu qabatanii gara isaa fidanii luka Yesuusii jala kaayan. Innillee isaan fayyise. Kanaafuu duudonni hennaa dubbatan, dundumoonni hennaa fayyan, worri hokkolan hennaa deeman, balloonni hennaa argan maalalfataniiti Waaqa Israa'eliillee galateeffatan. Achiin maayii Yesuus darasoota gara ufii waamee, «Gumiin kun guyyaa sadihii waan na woliin tureef, waan nyaatan hin qaban. Kanaafuu ani isaaniif gadda. Karaa irratti akka hin dadhabne qooqa isaan gadhiisuu hin barbaadu» isaaniin jedhe. Darasoonni, «Lafa udume'ee kana keessatti xoroshoo banii haganaa kana quubsu eessaa fuuna?» jedhaniin. Yesuus, «Xoroshoo meeqa qabdan?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Xoroshoo torbaa fi qurxummii didiqqoo qabna» jedhaniin. Yesuus gumiin marga irra akka taa'an ajaje. Achiin maayii xoroshoo torbaa fi qurxummii fuudhee galateeffatee, cabsee darasootatti kenne. Darasoonnillee gumi'ii kennan. Isaan martinuu nyaatanii qufaniiti, hambaa hafe Gindoo torba guutuu kaasan. Laakkofsi worra nyaatanii dubartootaa fi ijoolleen uduu hin laakayamne dhiirti callaan kuma afur. Yesuus gumii haga geegesseen maayessa, yabala keessa seenee gara biyya Maqidooniya'aa dhufe. Worri Fariisotaa fi worri Saduqootaa gara Yesuusii dhufanii, samii irraa malkata akka isaanitti mudhisu Isa kadhatan. Innillee ammoo deebisee akkana isaaniin jedhe, «Hennaa lafti dhiye ‹Samiin waan addaatteertuuf, birraa ta'a› jettan. Obboroo, ‹Yoo samiin duumessaayee gurraachate, adha hin rooba› jettan, bifa sami'ii laaltanii attam akka ta'e himuu hin beettan. Malkata baraa attam akka ta'e himuu hin dandeettanii? Dhaloonni hamaanii fi seebaraan malkata barbaada; malkata raatticha Yoonaasii malee, malkanni biraa hin kennamuuf» isaaniin jedhe. Achiin maayessa Yesuus isaan dhiisee deeme. Darasoonni hennaa galaana gama ceeyan dhalee qabachuu irraanfatan. Yesuus, «Beekkadhaa'a! raacitii worra Fariisotaatii fi Saduqootaa irraa uf eeggadhaa'a» isaaniin jedhe. Isaan, «Waan nu dhalee hin qabneef akkana jedha» woliin jedhan. Yesuus yaada isaanii beekee akkana isaaniin jedhe, «Isin worra amantaa diqqo'oo maaf waan dhalee dhabuu keessanii woliin qaaxxan? Haga ammaa hin hubannee? Xoroshoon shanii namoota kuma shaniif gayee hambaa gindoo meeqa akka kaaftan hin qaabattanii? Yookiin Xoroshoon torbaa namoota kuma afurii gayee hambaa gindoo meeqa akka kaaftan hin qaabattanii? raacitii Fariisotaatii fi Saduqootaa irraa akka uf eeggattan ka jedhe waan xoroshoo attamii akka ta'e attamitti hin hubanne? Achiin maayessa isaan, Barumsa Fariisotaatii fi Saduqootaa malee, xoroshoo raacitii irraa akka uf eeggattan akka isaaniin hin jenne hennaa san qaabatan. Yesuus gara qachaa Filiphoos Qisaariyaa hennaa gaye, darasoota ufiitiin, «Namoonni Ilma Namaatiin eennu jedhan?» jedhee gaafate. Isaan deebisanii, «Gariin, ‹Yohaannis Cuupha'a› worri kuuwwan, ‹Eeliyaas› kuwwan ammoo, ‹Ermiyaas› yookiin raattota durii keessaa tokko ta'a siin jedhan» jedhaniin. Inni deebisee, «Isin hoo eennu naan jettan?» isaaniin jedhe. Hennaa san Simoon Pheexroos, «Ati Kiristoosii Ilma Rabbii jiraata'aa ti» jedheen. Yesuus deebisee akkana isaan jedhe, «Ilma Yoona'aa Simoon kana ka sii ibse Abbaa kiyya ka samii jiru malee, namni kana waan sii hin ibsineef ati ka eebbifamte. Ani akkana siin jedha, ati Pheexroos, dhagaa siida'aa kana irratti woldaa tiyya ta Kiristaanaa ijaara. Hunni du'aallee isii hin injifatu. Ani Bantuu jeennata sami'ii sii kenna. Wonti ati lafarratti hiite maruu sami'ittillee ka hidhame ta'a. Ka lafarratti ati hiittu maruu sami'ittillee hin hiikkama» jedhe Achiin maayii Yesuus Kiristoosiin akka ta'e eennuttillee akka hin himne, darasoota ufii jabeessee seere. Hennaa san irraa jalqabee Yesuus darasoota ufiitiin, «Ani gara Yeruusaaleemii dhaqa; achitti harka manguddootaatitti, harka mootota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti guddisee rakkadha, hin ajjeefama; guyyaa sadaffa'aatitti ammoo hin ka'a» jedhee darasoota ufiititti himuu jalqabe. Pheexroos hojjatti achi isa baasee, «Gooftaa kiyya wonti kun horoma sirratti hin ta'in» jedhee teedeffatuu jalqabe. Inni ammoo gara galee Pheexroosiin, «Ati seexana asii deemi! Ati waan namaa malee, waan Rabbii waan hin yaanneef gufuu natti taateerta» jedheen. Achiin maayessa Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Na faanaa deemuu ka fedhu yoo jiraate uf haa waakkatuu, fannoo ufii baatee na faanaa haa deemuu» Namni lubbuu ufii hambisuu fedhe maruu hin balleeffata. Naaf jedhee lubbuu ufii ka dhabu maruu hin argata. Namni bu'aa adunyaa tanaa maraa yoo argate, lubbuu ufii ammoo yoo balleeffate maal isaa godha? yookiin namni gatii lubbuu ufiitiif maal kenna? Ilmi namaa maleekkota ufii woliin ulfinna Abbaa ufiitiin hin dhufa, achiin maayessa maraafuu akka hujii isaatitti gatii isaa hin kennaaf. Ani dhugamaan isiniin jedha, worra as dhaabatan kanniin keessaa, namoonni gariin hennaa Ilmi Namaa jeennata ufiitiin dhufu worri hin duune hin jiran» jedhe. Guyyaa jahaan maayessa, Yesuus Pheexroosiin, Yaaqoobii fi obboleessa Yaaqoobii Yohaannisiin hojja isaanii qabatee, gara gaara dheera'aatitti ol isaan baase. Innillee afoo isaaniititti jijjiirame, fulli isaallee akka adu'uu ife, uffanni isaallee adii weeccaa ta'e. Hennama san dimmaa Muuseenii fi Eeliyaas Yesuusiin woliin uduu dubbatan argan. Achiin maayessa Pheexroosillee deebisee, Yesuusiin akkana jedhe, «Gooftaa kiyya, as jiraachuun nuuf misha'a. Yoo fedha kee ta'e asitti daasee sadihii tokko si'iif, tokko Muuse'eef, tokko ammoo Eeliyaasiif haa ijaarruu» jedheen. Uduma inni kana dubbata'aaru, duumessi ifaa isaan golge. Duumeessa san keessaan laagaan, «Ilmi kiyya ka ani itti gammaduu fi jaaladhu kanaa, isa dhagayaa'a» jedhu dhufe. Darasoonni isaallee guddisanii sodaatanii waan turaniif kana dhagayanii nayanii afoo isaatitti gad kufan. Yesuusillee gara isaanii dhiyaatee, harkaan isaan tuttuqee, «Ka'aa, jabaadhaa'a hin sodaatinaa'a» isaaniin jedhe. Isaanillee ol jedhanii yoo laalan Yesuusiin malee, nama tokkollee hin argine. Hennaa gaaraa gadi bu'an «Yesuus, Ilmi namaa haga du'aa ka'utti waan argitan kana eennuttillee hin himinaa» jedhee isaan seere. Darasoonni isaallee, «Eegasuu barsiisoonni Seera Muuse'ee duraan dursee Eeliyaas dhufuu barbaarchisa maali'iif jedhan ree?» jedhanii isa gaafatan. Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Eeliyaasi waan maraa hule'etti deebisu'uuf firrisee hin dhufa. Haata'uu ammo, Ani akkana isiniin jedha; Eeliyaas duraanuu dhufeera, namoonni isa hin beenne, akkuma fedha isaanii isa godhan. Maarre Ilmi Namaallee harka isaaniititti hin rakkata» isaaniin jedhe. Hennaa san darasoonni akka Yesuus waan Yohaannisii cuupha'aa isaanitti hime qaabatan. Gara gumi'ii hennaa deebi'an, namichi tokko dhufee, Yesuusiin afo'otti jilbiinfatee, «Gooftaa'a, mucaa kiyya naa fayyisi. Inni dhukkuba gaggabdo'oo waan qabuuf guddisee rakkata'aara. Hennaa hedduu ibiddaa fi bisaan keessatti kufa. Ani gara darasoota keetii isa fide, isaan ammoo isa fayyisuu hin dandeenne» jedheen. Yesuus deebisee, «Isin dhaloota daba'aa fi worra hin amanne nana! Haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isinii obsa? mucaa gara kiyya fidaa'a!» jedhe. Yesuus jinnii san teedeffatee, jinniinillee mucaa keessaa baase; mucaanillee hennama san irraa jalqabee fayye. Achiin maayessa darasoonni isaa hojja ufii gara Yesuusii dhufanii, «Nu jinnii maali'iif baasuu dadhabne?» jedhaniin. Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, «Sababaa amantaan keessan diqqaateef malee, ani dhugamaan isiniin jedhaa, amantii diqqoo haga gumaa sanaafici'ii uduu qabaattanii, gaara kanaan, ‹Asii ka'ii achi deemi!› yoo jettan, innillee hin deema; Wonti isiniif hin danda'amne hin jiru. Jinniin akkanaa kun kadha'aa fi soomaan malee hin bayu» isaaniin jedhe. Hennaa Galiilaa keessa deddeebi'an, Yesuus, «Ilmi Namaa harka namootaatitti dabarfamee hin kennama, isaanillee isa ajjeesan, guyyaa Sadaffa'aa du'aa hin ka'a» isaaniin jedhe. Isaanillee guddisanii gaddan. Yesuusii fi darasoonni isaa hennaa Qifirnaahoomiin gayan, worri gibira mana woyyu'uu guuran gara Pheexroosii dhufanii, «Barsiisaan keessan gibira mana woyyu'uu hin kaffaluu?» jedhaniin. Pheexroos, «Ee, hin kaffala» jedheen. Pheexroos gara manaa dhufee uduu isatti hin dubbanne, Yesuus dursee, «Simoon, maal si fakkaata? Mootonni biyya lafaa qaraxa yookiin gibira eennuun irraa guuran? Nama biyya ufii irraa moo nama biyya biraa irraa guuran?» jedhee isa gaafate. Pheexroos deebisee, «Nama biyya biraa irraa guuran» jedheen. Yesuus deebisee, «Namni biyya isaanii bilisa ta'a kaa! Haata'uu ammo akka isaanitti gufuu hin taane, gara galaanaa deemiitii siiboo gara galaanaa darbi qurxummii dura qabde afaan isi'ii hennaa bante birrii keessatti argitaa, birrii san fuudhii Naa fi ufiillee kaffali!» jedheen. Hennaa san darasoonni isaa gara Yesuusii dhufanii, «Jeennata sami'ii keessatti ka maraa caalu eennuun ta'inna laata?» jedhaniin. Inni daa'ima tokko waamee, afoo isaanii dhaabsisee akkana jedhe. «Ani dhugamaan isiniin jedha, deebitanii akka daa'ima kanaa yoo hin taane, gara jeennata sami'ii horoma hin galtan. Eennullee ka akka daa'ima kanaa ka gad uf qabu jeennata sami'ii keessatti ka maraa caalu ta'a. Eennullee daa'ima akkasii ka maqaa kiyyaan simatu maruu na simata. Worra natti amanan didiqqaa kanniin keessaa tokko ka gufachiisu maruu, dhakaan daaku'uu guddaan morma isaatitti hidhamee gara qilee galaanaatitti gatamuu isaa woyyaa. Biyyi lafaa waan nama gufachiiftuuf isii aanne'e! Wonti gufachiisu dhufuu hin oolu. Haata'uu ammoo ka nama gufachiisuuf aanne'e! Harki kee yookiin lutti tee yoo ka si gufachiiftu taate, uf irraa kutii gati. Harka lamaan yookiin luka lamaan qabaattee gara asaaba bara baraatitti gatamu'uu mannaa, Hokkolaa yookiin duundumaa taatee gara jireennaa galuu sii woyya. Ijji tee yoo si gufachiifte, uf keessaa baasii gati, ija lamaan qabaattee gara ibidda asaabaatitti gatamu'uu mannaa, ija takkattii qabaattee jeennata galuu sii woyya. Yesuus, «Ani isinitti hima, maleekkonni Rabbii ta sami'ii, ta isaan eeddu hennaa maraa fuula Abbaa kiyya ka samii jiruu waan arganiif, daa'imman didiqqaa kanniin keessaa tokkollee akka hin tuffanne uf eeggadhaa'a» isaaniin jedhe. [ Ilmi Namaa worra bade fayyisu'uuf dhufe.] Maal isinitti fakkaata? Namni tokko uduu hoolota dhibbaa qabaatee, isaan keessaa takkattiin yoo jalaa badde, sagaltamii sagal gaara irratti dhiisee ta badde san hin soquu? Ani dhugamaan isiniin jedha, inni yoo argate, ta hin badin sagaltamii sagal caalaa itti gammada. Akkasuma didiqqaa kanniin keessaa tokko akka badu fedhii Abbaa keessan ka Sami'iitii miti. «Obboleessi kee yoo si yakke, dhaqiitii hulee isin lamaan callaan jirtanitti yakka isaa itti himi. Inni yoo si dhagaye, obboleessa kee godhadhu. Inni yoo si hin dhageenne ammoo, murtiin maruu ragaa nama lamaatiin yookiin sadihiitiin waan mirkanaayuuf, deebi'iitii nama tokko yookiin nama lamaa qabadhuu bira dhaqi. Inni yoo isaanillee dhagayuu dide, Woldaa Kiristaanaatitti himi; Woldaa Kiristaanaallee yoo dhagayuu dide, akka nama hama'aatii fi nama cubbama'aatitti laakkayiin. «Ani dhugamaan isiniin jedha, wonti isin lafarratti hiitan maruu, sami'ittillee ka hidhame ta'a. Wonti isin lafarratti hiittan maruu sami'ittillee hin hiikkama. Ammallee, ani akkana isiniin jedha, isin keessaa namni lamaa, biyya lafaa irratti woma kamiifuu wolii galee yoo faateffate, Abbaan kiyya ka samii irra jiru waan isaan kadhatan san isaanii godha. Hulee namoonni lama yookiin sadihii taa'anii maqaa kiyyaan hennaa wolgayanitti ani isaan woliin jira» jedhe. Achiin maayessa Pheexroosi gara Yesuusii dhiyaatee, «Gooftaa'a, obboleessi kiyya yoo na yakke, hennaa meeqa dhiisaaf? hennaa torbaa?» jedheen. Yesuus deebisee, «Ani haga hennaa torbaatamii torbaa malee, hennaa torbaa callaa siin hin jedhu» jedheen. «Waan kanaaf jeennanni sami'ii mootii herrega hojjattoota isaa irra jiru herregatu'uuf barbaade tokko fakkaatti. Inni hennaa herreguu jalqabe, nama inni gatii Miliyoona hedduu irraa qabu tokko itti fidan. Innillee waan kafalu dhabnaan, gooftaan isaa inni haadha manaa ufii, ijoollee ufiitii fi waan qabu maraa woliin gurguramee gatiin akka kafalamu ajaje. Maarre hojjataan sun luka isaa jalatti kufee, ‹Naa obsi, anillee waan maraa sii kaffala› jedhee kadhate. Gooftaan hojjataa sanii gaddee, gatii isaallee dhiiseefii, akka deemuuf gad isa dhiise. Haata'uu ammoo hojjataan sun, achii bayee, hojjattoota keessaa hiriyyaa ufii ka gatiin birrii dhibbaa irra jiru tokko argee, ‹Gatii kiyya naa kanfali› jedhee, hudhee isa qabe. Achiin maayessa hojjataan akka isaa sun gad kufee, ‹Naa obsi ani maraa sii kanfalaa› jedhee isa kadhate. Inni ammoo hin barbaanne; kanaafuu qabee haga gatii kanfaluufiif mana hidha'aatitti hiisiseen. Worri hiriyyaa isaa waan inni godhe kana arganii guddisanii gaddaniiti dhaqanii waan inni godhe maraa gooftaa ufiititti himan. Achiin maayessa gooftaan isaanii isa waamsisee, ‹Ati hojjataa hamaa'a! Waan na kadhatteef gatii san maraa sii dhiise. Akka ani sii dhiise hojjataa hiriyyaa kee ta'e sanii hin dhiiftuu?› jedheen. Gooftaan isaallee aaree, haga gatii isa irra jiru maraa kafaluuf worra isa rakkisutti dabarsee kenne. Maarre isin keessaa tokko tokko obboleessa ufiitiif gara'aan yoo dhiisu'uufii dhabaate, Abbaan kiyya ka sami'iillee akkasuma isin irratti godha» isaaniin jedhe. Yesuus waan kana haga raawwateen maayessa Galiilaa deemee, gara godina Yihuuda'aa Yoordaanosiin gama dhaqe. Gumiin hedduu isa faana deeman, Innillee achumatti isaan fayyise. Worri Fariisotaa gariin gara Yesuusii dhufanii, isa qoru'uuf, «Namni tokko sababaa kamiinuu haadha manaa ufii gadi dhiisuun seeraa?» jedhanii isa gaafatan. Yesuus deebisee, «Rabbi jalqaba, ‹Dhiiraa fi dubartii› taasisee isaan uume.» « ‹Kanaafuu namni abba'aa fi haadha ufii hin dhiisa, haadha manaa ufiitiin wol ta'a; lamaanuu foon tokko ta'an› ka jedhu hin dubbifnee? Maarre isaan ammaa achi foon tokko malee, lamaa miti. Kanaaf waan Rabbi tokko godhe namni addaan hin baasin.» jedhe. Isaanillee, Eegasuu Muuseen, «Abbaan manaa woraqata hiikka'aa kenneefii akka isii hiiku, maaf ajaje ree?» jedhaniin. Yesuus deebisee, «Sababa mata-jabeenna keessaniitiif Muuseen akka isin haadha manaa teessan hiittan isin hoffolche malee, Duri ammoo akkasii miti jedheen. Ani ammoo akkana isiniin jedha, yoo isiin seebarte malee, namni haadha manaa ufii hiikee ta biraa fuudhu maruu, hin seebara » isaaniin jedhe. Darasoonni isaa deebisanii, «Wonti abbaa manaatii fi haadha manaa akkana yoo ta'e, fuudhaa fi heeruma dhiisuu woyya.» jedhaniin. Yesuus deebisee, «Wonti kun worra kennameef malee, nama maraafii miti.» «Gadaamessa haadhaa keessatti hormaata dhalootaa uduu hin qabaatin worri dhalatan hin jiran. Gariin ka harka namaatiin muramellee hin jira. Worri jeennata sami'iitiif jedhanii akka hormaata dhalootaa hin qabnee uf godhanillee hin jiran. Ka akkas ta'uu barbaadu haa ta'uu» isaaniin jedhe. Achiin maayessa harka isaan irra kaayee akka kadhatuuf daa'imman gara isaa fidan. Darasoonni isaa ammoo daa'imman teedeffatan. Yesuus ammoo, «Jeennanni sami'ii ka worra akkasii waan taateef ijoolleen gara kiyya haa dhufanii hin dhoogginaa'a» jedhe. Innillee harka ufiitiin ijoollee qaqqabee achii ka'ee deeme. Achiin maayessa namni tokko gara Yesuusii dhufee, «Barsiisaa'a, jireenna bara baraa argachuuf, wonti mishaan ani godhuu na barbaachisu maali'i?» jedheen. Yesuus deebisee, «Waan hujii misha'aa maaf na gaafatta? Mishaan tokkochuma; jireenna sanitti galuu yoo feete ammoo, ajaja eegi» jedheen. Dargaggeessillee, «Ajaja kamiin?» jedheen. Yesuus deebisee, « ‹Hin ajjeesin; hin seebarin; hin hatin; dharaan ragaa hin bayin; Abbaa fi haadha tee kabajji; goshoo kee akka uf jaalattutti jaaladhu› ka jedhu sanniin fa'a» jedheen. Dargageessillee deebisee, «Ani seerota kana maraa daa'imummaa kiyya irraa jalqabee eegeera. Amma ammoo maaltu narraa dhidhata? jedheen. Yesuus deebisee, guutuu ta'uu yoo feete, deemii, waan qabdu maraa gurgurii birrii hiyeeyyi'ii kenni; samii irratti durummaa argattaa; achiin maayessa koottuu, na faana deemi» jedheen. Dargaggeessi sun dubbii kana hennaa dhagaye, qabeenna hedduu waan qabuuf, gadda'aa deeme. Achiin maayessa Yesuus darasoota ufiitiin, «Ani dhugamaan isiniin jedha, dureeyyiin jeennata sami'iititti galuun guddisee rakkisa'a. Ammallee ani isinitti hima, dureessi jeennata Rabbii galuu irra, gaalli qaawa Limmo'oo keessa hulluuqu'utu salphata» jedhe. Darasoonni isaa hennaa waan kana dhagayan, guddisanii maalalanii, «Eegasuu eentu fayyuu danda'a ree?» jedhan. Yesuusillee gara isaanii laalee, «Wonti kun namaaf hin danda'amu, Rabbiif ammoo maruu hin danda'ama» isaaniin jedhe. Achiin maayessa Pheexroos deebisee, «Kunoo nu woma maraa dhiifnee si faanaa deemneerra, eegasuu nu maal arganna ree?» jedheen. Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama isinitti hima, isin worri na faanaa deemtan biyya lafaa ta haarawa dhuftutti, Ilmi Namaa teessoo ulfinna ufii irra hennaa taa'u, isinillee ammoo teessoo ulfinnaa kudha lama irra teettanii gosa Israa'elii kudha lamatti murteessitan. Namni maqaa kiyyaaf jedhee mana yookiin obboleessa yookiin obboleettii yookiin Abbaa yookiin haadha yookiin Ijoollee yookiin qonna ufii dhiise maruu, dachaa dhibbaa hin argata; jeennatallee hin gala. Haata'uu ammoo hedduun isaanii ka duraa duuba, ka maayessaa ammoo dura ta'a. «Jeennanni sami'ii nama maasaa woyinii ufiitiif hojjattoota qaxaru'uuf obboro'oon baye fakkaatti. Saantimii guyyaa tokkootiin haga wolii galeen maayessa gara maasaa woyinii ufiititti isaan erge. Sa'aatii sadihitti bayee worra hujii hin qabne namoota biraa ka raasaa dhaabata'aaran arge; Innillee isaaniin, ‹Maasaa woyinii kiyyaa dhaqa'aatii hojjadhaa'a! Waan isin barbaachisu ani isinii kennaa.› isaaniin jedhe. Isaanillee achi dhaqan. Inni gara sa'aatii jahaatii fi gara sa'aatii sagaliitittillee bayee akkasuma godhe. Gara sa'aatii kudha tokkootitti bayee namoota biraa ka dhaabataniiran argee, ‹Guyyaa guutuu hujii malee maaf as dhaabattan?› isaaniin jedhe. Isaanillee ‹Nama nu qaxaru waan dhabneef as dhaabata'aarra› jedhaniin. ‹Inni ammo gara maasaa woyinii kiyyaa dhaqa'aa hujaa'a; waan isin gayu argatanii.› isaaniin jedhe. Hennaa aduun dhiite, Abbaan maasaa woyinii sanii, ajajaa hojjattootaatiin, ‹Hojjattoota waamiitii, worra maayessa qaxarame irraa haga worra dura qaxarameetitti, mindaa isaanii kaffaliif.› jedheen. Worri gara sa'aatii kudha tokkoffa'aatitti hujii galanillee dhufanii, marti isaaniituu mindaa guyyaa tokkoo fudhatan. Worri duraan qaxaraman hennaa dhufan, isaan caalaa guddaa waan fudhatan seeyanii; isaanillee ammo mindama guyyaa tokkoo fudhatan. Haga fudhataniin maayessa abbaa maasaa woyini'ii irratti guunguman. ‹Hojjattoonni duubarra qaxaraman sa'aatii tokko calaa hujan, ati ammoo nu worra aduu keessatti gubbata'aa dadhaba'aa oolleen nuun wolqixxeessita› jedhanii abbaa maasaa woyini'iititti guunguman. Inni deebisee isaan keessaa tokkochaan akkana jedhe, ‹Jaalalloo kiyya si hin yakkine, gatii guyyaa tokkootiin wolii hin gallee? Ani ka maayessa kanaallee akkuma sii kenne kennu'uufii fedha; gayaa kee fudhadhuutii deemi; ani horii kiyyaan waan fedhe godhuu hin danda'uu? Yookiin ati waan ani arjoomeef hinaaftaa?› jedhe. Achiin maayessa Yesuus, «Worri maayessaa afoo, worri afo'oo maayessa ta'an worri waamame heddu, worri filatame ammo hago'o.» jedhe. Yesuusillee gara Yeruusaaleemii uduu deema'aaru karaa irratti hojja isaanii darasoota gara ufii waamee, «Kunoo, nu gara Yeruusaaleemii baya'aarra. Ilmi namaa bulchoota gadootaatii fi barsiisota seeraatitti dabarfamee kennama. Isaanillee murtee du'aa itti murteessan. Achiin maayessa isaan itti baldan, hin dhaanan, akka isa fannisaniif worra Yihuudota hin ta'initti dabarsanii isa kennan. Guyyaa saddaffa'aatitti du'aa hin ka'a.» isaaniin jedhe. Achiin maayessa haati ijoollee Zabdiwoosii ijoollee ufii woliin gara Yesuusii dhuftee, isa afo'otti jilbiiffattee, waan tokko akka godhuuf isa kadhatte. Yesuus, «Maal barbaadda?» jedhe. Isiinillee, «Ijoollee tiyya lamaan tanniin jeennata kee keessatti tokko mirgaan tokko bita'aan akka taa'an naa godhi.» jetteen. Yesuus ammo deebisee, «Isin waan kadhattan hin beettan. Mijuu rakko'oo ta ani dhugu'uuf ta'u dhuguu, cuuphama ani cuuphamu'uuf ta'u cuuphamuu dandeettuu?» jedhe. Isaanillee, «Ee hin dandeenna.» jedhaniin. Yesuusillee, «Mijuu ani dhugu ima dhuddan, cuuphaa ani cuuphamullee ima cuuphamtan. Haata'uu ammoo mirga kiyyaa fi bitaa kiyya ka teessisu anaa miti; huleen kun ka worra qophaayeef kennamu.» isaaniin jedhe. Darasoonni kudhanii waan kana hennaa dhagayan, obboleeyyan lamaan sanitti aaran. Yesuus ammo gara ufii isaan waamee akkana isaaniin jedhe, «Bulchoonni worra Yihuudota hin taane worra bulchan irratti guggurdonni worra isaan bulchan irratti baallii qaban akka mudhisan hin beettan. Isin biratti akkasii mit. Haata'uu ammoo isin keessaa guddaa ta'uu ka fedhu hojjataa keessan haata'uu. Isin keessaa afoo ta'uu ka fedhu, hojjataa keessan haa ta'uu. Akkasuma Ilmi Namaa lubbuu ufii kennee nama maraa furu'uuf dhufe malee, isaaf haa hojjataniif hin dhufne» jedhe. Yesuus Iyyaariko'oo bayee hennaa deemu, gumiin hedduu isa faanaa deeman. Namoonni ballaan lamaan uduu karaa irra taa'aniiran, Yesuus karaa san irra akka lufa'aaru dhagayanii, «Gooftaa, Ilma Daawitii nu fayyisi» jedha'aa iyyan. Gumiin akka isaan cadhisan teedeffatan; isaan ammoo ittuma caalchisanii laagaa gudda'aan, «Gooftaa'a, Ilma Daawitii, nu fayyisi» jedha'aa iyyan. Yesuus dhaabatee isaan waamee, «Maal akka isinii godhu barbaaddan?» jedhe. Isaan deebisanii, «Gooftaa'a, ijji teenna akka banamtu barbaanna» jedhaniin. Yesuus waan isaan garaa isa nyaataniif, ija isaanii qaqqabe. Yoma san ijji isaanii banamtee, isaanillee isa faanaa deeman. Hennaa Yeruusaalemitti dhiyaatan, gaara Ejersaatitti hulee Betafaagee jedhamtu gayan, Yesuus darasoota ufii keessaa nama lamaa akkana jedhee isaan erge. «Gara ganda isin afoo jirtuu dhaqaa'a, achitti harree ilmoo woliin hidhamteertu takka hin argitan; hiika'aa naa fidaa'a. Eennullee yoo waa isiniin jedhe, ‹Goofta'atu barbaada, inni uduu hin turin deebisa› jedhaa'a» isaaniin jedhe. Darasoonni dhaqanii akkuma Yesuus isaan ajaje godhan; Isaan harree sanii fi ilmoo harre'ee san fidan, uffata ufii irra kayan; innillee irra taa'e. Gumiin guddaan uffata ufii karaa irratti afan; kuuwwanillee baala mukaa cira'aa karaa irratti afa'aa turan. Gumiin afo'oo fi duuba isaatiin deeman iyya'aa, «Hosaanaa Ilma Daawitiitiif jedha. Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame! Hosaanaa samii irratti!» jedha'aa turan. Yesuus hennaa Yeruusaaleem seene, qachaan guutuun raafamee, «Kun eennu?» jedhan. Gumiin isa woliin deema'aaran, «Kun Yesuusii raatticha qachaa Naazireetii ka lafa Galiila'aa keessatti argamuu dhufe» jedhan. Yesuus gara mana woyyu'uu seenee, namoota mana woyyuu keessatti bitatuuf gurguratu maraa gad yaase; worra birrii sharafuu fi teessoo worra handarii gurguratuu garagalchee, «Manni kiyya mana itti faateffatan jedhama jedhamee barreeffameera; isin ammoo goda shiftootaa gootan» isaaniin jedhe. Mana woyyuu keessatti balloonninii fi hokkoloonni gara Isaa dhufan, innillee isaan fayyise. Haata'uu ammoo bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee baasaa fi maalalee inni mana woyyuu keessatti godheef, hennaa ijoolleen, «Hoosaanaa Ilma Daawitiitiif» jedha'aa iyyan arganii aaran. Kanaaf Yesuusiin, «Ati waan ijoolleen tun jettu hin dhageettuu?» jedhaniin. Yesuus, «Ee hin dhagaya; isin sirimaa, ‹Afaan ijoolle'eetii fi daa'imman harma hootu irraa galata ufiif qopheeffatte› ka jedhu hin dubbifnee?» isaaniin jedhe. Achiin maayessa gara qachaa Biitaaniya'aa deemee achi bule. Yesuus ganama barii, hennaa gara qacha'aa deebi'u beelayee, Karaa irratti muka hurbu'uu argee, gara isi'ii goree yoo laalu baala malee, womaa irratti hin argine. Achiin maayessa inni hurbuu saniin, «Horomaa deebi'ee sanyiin sirratti hin argamin» jedheen. Yoma san munni hurbu'uu sun goge. Darasoonni isaallee kana arganii attamitti yoosuu godde? jedhanii maalalan. Yesuusillee deebisee, «Ani dhugamaan isiniin jedha, isin yoo amantaa qabaattani, mamuu yoo baattan, waan muka hurbu'uu irratti ta'e qofa hin gootan; isin gaara kanaanillee, ‹Asii buqqa'ii gara galaanaatitti darbam› yoo jettan, hin ta'a. Amanta'aan yoo faateffattan waan faateffattaniif san maraa hin argattan» isaaniin jedhe. Gara mana woyyuu seenee uduu barsiisu, bulchoonni gadootaa, manguddoonninii fi gumiin gara isaa dhiyaatanii, «Ati baallii maali'itiin waan kana goota? baallii kana eentu sii kenne?» jedhaniin. Yesuus deebisee, «Anillee gaafii tokko isin gaafadha; isin yoo deebii naa deebiftan, achiin maayii anillee baallii maali'iitiin waan kana akka godhu isinitti hima. Cuuphaan Yohaannis cuuphe Rabbiin irraa dhufe moo, yookiin nama irraa dhufe?» isaaniin jedhe. Isaanillee wol mormanii, « ‹Rabbiin irraa dhufe› yoo jenne, inni, ‹Isin maaf isa hin amanne ree?› nuun jedha; ‹Nama irraa› yoo jenne, martinuu akka raagaatitti waan Yohaannisiin laalaniif, gumii sodaanna» jedhan. Maarre isaan deebisanii, Yesuusiin, «Nu hin beennu» jedhan. Yesuusillee, «Baallii maali'iitiin waan kana akka godhu isinitti hin himu» isaaniin jedhe. Yesuus isaaniin, «Maal isinitti fakkaata? Namichi tokko ijoollee lama qaba; inni gara hangaftichaa dhaqee, ‹Ilma kiyya, adha hulee woyini'ii dhaqii huji› jedheen. Innillee deebisee, ‹Ani hin dhaqu› jedhe; maayessa ammo gaabbee deeme. Abbaan gara ilma lammaffa'aallee dhaqee akkasuma jedhe; ilmi lammaffa'aallee, ‹Hin dhaqa, abbaa kiyya!› jedhe. Inni ammo hin dhandhe. Isaan lamaan kanniin keessaa kamtu waan abbaan barbaade hojjate?» jedheen. Isaan, «Hangafticha» jedhan. Yesuus, «Ani dhugamaan isiniin jedha. Worri qaraxa guuruu fi seebartoonni jeennata Rabbii galu'uun isin firrisan» isaaniin jedhe. Yohaannis karaa qajeellumma'aatiin isinii dhufe. Isin ammoo itti hin amanne. Qaraxxoonninii fi seebartoonni ammoo itti amanan. Isin kana argitaniillee, aagii galtanii itti hin amanne. Yesuus ammallee, «Mammaaka biraa dhagayaa'a!, Namicha biqiltuu woyini'ii dhaabe tokkotu ture. Dallawa dhaga'aan itti ijaaree, boolla woyinii itti cuunfanillee qotee, siree irra taa'anii eegan ijaaree qotee bultootatti kireessee gara biyya biraa deeme. Hennaa woyiniin sun gaye, midhaan fudhachu'uuf hojjattoota ufii gara worra biqiltuu woyini'ii eeganii erge. Qonnaan bultoonni isaa sun hojjattoota isaa keessaa nama tokko qabanii dhaanan, kaan hin ajjeesan, kaan ammoo dhaka'aan tuman. Worra hojjattoota duraa laakkobsaan caalan isaanitti erge. Sanniinillee akkuma kaawwanii godhan. Maayessa ammo, «Ilma kiyya hin kabajjan.» jedhee, Ilma ufii isaanitti erge. Qonnaan bultoonni sun ammoo, Ilma isaa hennaa argan, ‹Ka dhaalu kanaa; koottaa, isa ajjeefnee ristii fudhannaa.› woliin jedhan. Isaan Ilma isaa qabanii, biqiltuu woyini'ii keessaa baasanii ajjeesan. Eegasuu Abbaan biqiltuu woyinii sanii hennaa dhufe, qonnaan bultoota san waan maal godhu seetan?» isaaniin jedhe. Isaan deebisanii, «Inni worra hamoota hammeenna isaaniitiin isaan ajjeesa. Biqiltuu woyini'ii kana, qonnaan bultoota biraa hennama henna'aan yoo midhaan gaye isaa fidaniifiititti kenna.» jedhaniin. Yesuus, «Isin barreeffama Woyyuu keessatti, ‹Dhagaan worri mana ijaaru tuffate, inni dhagaa dhagaa maraa caalaa barbaadamu ta'e; kun Goofta'an ta'e, Ija keennaafillee waan baasaa ti!› Ka jedhu horomaa hin dubbifnee? «Kanaaf, akkana isiniin jedha, jeennanni Rabbii isin irraa fudhatamtee, banii daraaraa godhatuuf kennamti. [ Ka dhakaa kana irratti kufu hin caccaba. Namni dhakaan kun irratti kufe maruu hin bututa.]» Bulchoonni gadootaatii fi Fariisonni hennaa mammaaka dhagayan, akka inni waan isaanii dubbata'aaru hubatan. Isa qabuu barbaadanii, gumiin akka raagaatitti waan isa laaluuf isaan sodaatanii isa dhiisan. Yesuus ammallee deebisee mammaakaan akkana jedhee isaanitti hime. «Jeennanni sami'ii mootii ilma ufiitiif cidha godhe tokko fakkaatti. Worri gara cidha fuudhaa fi heerumaa waamame akka dhufu itti himu'uuf, mootiin sun hojjattoota ufii erge; Isaan ammo dhufuu didan. Deebi'ee hojjattoota biraa erge; ‹Worra waamamaniin: Kunoo, cidha kiyya ka fuudhaa fi heerumaa qopheesseera, kormaa fi horiin coomnillee qalameera. Maruu qophaayeera gara cidha fuudhaa fi heerumaa koottaa jedha'aatii itti himaa'a› jedhe. Worri waamaman sun ammoo lash jedhanii, tokko gara qonna ufii, kuun gara daldala ufii deeme; Worri hafan ammoo hojjattoota isaa qabanii akka malee rakkisanii isaan ajjeesan. Mootiinillee lolee, loltoota ergee worra lubbuu namaa ajjeese sanniin fixe. Qachaa sanillee hin gube. Achiin maayessa hojjattoota ufiitiin, ‹Ciini qophaayeera, worri waamaman ammo worra cidha kanaaf malee miti. Eegasuu gara karaa qaxxaamuraa dhaqa'aatii, nama argitan maraa gara cidhaa waama'a› jedhe. Hojjattoonni isaa sunniin gara kara'aa bayanii nama argan maraa worra hama'aa fi mishaallee wolitti qaban. Namnillee mana cidhaa ol guute. «Mootichi namoota taa'an laalu'uuf hennaa seene ammoo, nama uffata cidhaa hin uffanne tokko achitti arge. Namichaan, ‹Jaalalloo kiyya attamitti uffata cidhaa uduu hin uffanne asi seente?› jedheen. Innillee hin cadhise Mootiin sun hennaa san tajaajiltoota ufiitiin, ‹Harkaa fi luka isaa hidha'aatii gara dukkanaatitti gad baasaa'a. Achi booyu'uu fi ilkaan qaru'utu jira› jedhe. Worri waamaman heddu, worri filataman ammo hago'o» jedhe. Kanaafuu Fariisoonni deemanii attam godhanii dubbi'iin akka isa qaban mari'atan. Darasoota isaallee worra gosa Heroodisii woliin itti ergan. Isaanillee, «Barsiisaa'a, akka ati dhugaa taate dhugamaan karaa Rabbii akka barsiiftu hin beenna. Fuula namaa laala'aa eennuunillee wol hin caalchiftu. Eeganaa Maal sitti fakkaata? Mootii Qeesaariitiif gibira kaffaluun seera moo seeraa miti? mee nutti himi!» jedhaniin. Yesuus ammoo, hammeenna isaanii beekee, «Isin fakkeessitoota maaf haga kiyya na laaltan? Birrii gibiraa mee natti mudhisaa'a» jedhe. Isaanillee santibii tokko itti fidan. Innillee, «Fakiinii fi maqaan kun ka eennuu ti?» jedhee isaan gaafate. Isaan deebisanii, «Ka mootii mootota biyya Rooma'aa ti» jedhaniin. Achiin maayessa inni, «Kanaaf, waan mootii moototaa mootii moototaatiif, waan Rabbii Rabbiif kennaa'a» isaaniin jedhe. Isaanillee kana dhagayanii maalalanii isa dhiisanii deeman. Hennaa san worri Saduqootaa ka du'aa ka'insi hin jiru jedhan gara isaa dhiyaatanii akkana jedhanii isa gaafatan. «Barsiisaa'a, Muuseen, ‹Namni tokko uduu hin uumanne yoo du'e, obboleessi isaa haadha manaa obboleessa du'ee san dhaalee, fiixaa obboleessa ufiitiif haa dabarsuu› jedhe. Ilmaan haadhaa torbaa takkatu nu woliin ture. Ka hangafaa haadha manaa fuudhee uduu hin uumanne du'e, ka lammaffa'aallee isii dhaalee, uduu hin uumanne du'e. Sadaffa'aa haga torbaffa'aatitti isii dhaalanii uduu ijoollee hin uumatin irraa du'an. Kanniin maraan maayessa isiinillee hin duute. Waan isaan martinuu isii fuudhaniiraniif gaafa du'aa ka'iinsaa torban keessaa kamiif haadha manaa taati?» Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Kitaabotaa fi hunna Rabbii waan hin beenneef, isin hin dogoggortan. Du'aa ka'u'uun maayessa akka Maleekkota Rabbii ta'an malee, hin fuudhan hin heeruman. Gumiinillee barumsa isaa kana dhagayanii maalalan. Fariisonni akka inni Saduuqota cadhisiise hennaa dhagayan wolgayan. Isaan keessaa, namichi Seera Muuse'ee beeku tokko, isa qoratu'uuf jedhee, «Barsiisaa'a, Seera keessaa ajanyi guddaan kam?» jedhee isa gaafate. Yesuus deebisee, « ‹Waaqa Gooftaa kee, garaa kee guutu'uun, lubbuu tee guutu'uun, qalbii tee guutu'uun jaaladhu›. Ajanyi guddaan duraa kana. Lammaffaanillee kanuma fakkaata: ‹Obboleessa kee akka lubbuu teetiititti jaaladhu› ka jedhu. Ajajuma lamaan kana irratti Seerrinii fi barsiifni raattotaa martinuu hundeeffamaniiran» jedhe. Uduu Fariisonni wolgayanii jiran. Yesuus, «Wonti Kiristoosii maal isinitti fakkaataa? Inni ilma eennuuti?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Ilma Daawitiiti» jedhaniin. Yoo Daawiti Gooftaa jedhee isa waame, attamitti Inni ilma isaa ta'a ree?» isaaniin jedhe. Namni tokkochi deebii isaa deebise hin jiru. Gaafa san irraa kaasee lamuu eennullee uggee hin gaafanneen. Achiin maayessa Yesuus Gumi'ii fi darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonni teessoo Muuse'ee irra taa'aniiran. Maarre waan isaan isin ajajan maraa godhaa'a, eega'alle'e; haata'uu ammoo, isaan waan barsiisanuu waan hujii irra hin oolchineef, akka isaan hujan hin hujinaa'a. Isaan ba'aa ulfaataa fi ka baadhachuuf hin danda'amne hidhanii gurmuu nama biraa irra kaayan; ufii ammoo qubaanuu tuquu hin fedhan. Namatti uf mudhisu'uuf jedhanii hujii isaanii maraa hojjatan. Qudhaama jechoonni barreeffama Woyyuu keessa jiru, ka addaa fi irree ufii irratti hidhatan babadhisanii qudhaamatan; handaara uffata uffatanii faateffatanillee hin dheereffatan. Lafa cidhaatitti hulee ulfinnaa, mana woyyuu Yihuudotaa keessatti barcumaa ulfinaa, Hulee gabaya'aatitti nagaya ulfinnaa akka isaan gaafatanii fi gumiin ‹Barsiisaa'a› jedhanii akka isaan waaman jaalatan. Isin barsiisaa tokko waan qabdanii fi isin martinuu obboleeyyan waan taataniif, ‹Barsiisaa'a› jedhamtanii hin waamaminaa'a. Isin Abbaa tokkocha Sami'itti waan qabdaniif, biyya lafaa irratti eennuunillee ‹Aabbaa› jettanii hin waaminaa'a. Hayyuun keessan Kiristoosii tokkocha waan ta'eef, ‹Hayyuu› jedhamtanii hin waamaminaa'a. Isin keessaa isin maraa ka caalu hojjataa keessan haa ta'u. Namni boonu maruu hin salphata. Namni gad uf qabu maruu hin kabajjama.» Yesuus, «Barsiisota seera Muuse'eetii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin balbala jeennata sami'ii namatti waan cuftaniif isin aanne'e! Isin hin galtan, worra itti galanillee akka itti hin galle dhooggitan. [ Isin fakkeessitota barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisoota faatee dheeressu'uun sababdanii mana haadha hiyyeeyyi'ii irraa waan nyaattaniif isinii aanne'e! Kanaafuu murtii guddaa argattan.] Isin barsiisoota Seera Muuse'eetii fi Fariisoota fakkeessitoota! Isin aanne'e! Nama tokko amantii Yihuudotaa fudhachiisu'uuf galaanaa fi lafa irra asii fi achi deddeemtan, isin nama fudhate san dachaa lama isin caalaa ilma asaabaa waan isa gootaniif isin aanne'e! «Bulchoota balloota, isin aanne'e! Isin, ‹Namni tokko yoo mana woyyu'uutiin kakate, kakuun sun isa hin geettu, namni tokko yoo worqii mana woyyu'uutiin kakate, kakuun sun isa geetti› jettan. Isin gowwootaa fi balloota! Worqi'i moo mana woyyuu ka worqii woyyoomsutu caala? Isin, ‹Namni mi'a kennaa Rabbii ittiin dhiyeessuun yoo kakate, kakuun sun isa hin geettu; haata'uu ammo, namni kennaa irra jiruun yoo kakate, kakuun sun isa geetti› jettan. Isin ballaa attamii ti! kennaa mo'o mi'a kennaa woyyoomsutu caalaa? Maarre namni mi'a kenna'aatiin kakatu marti, mi'a kenna'aatii fi waan isii irra jiru maraan kakata; Ka mana woyyu'uun kakatu isaa fi ka isa irra jiruun kakata. Namni sami'iin kakatullee, teessoo Rabbiitii fi ka teessoo san irra taa'eeruun kakatan. Isin, Barsiisota Seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin aanne'e! Isin urgoo gurraattii, daalattii, Sokorataa fi daraaraa caarotaa keessaa kurnaffaa hin kennitan, haata'uu ammoo waan ijoo Seera keessatti argamu hin dhiiftan; wonti kunniinillee murtii dhuga'aa, dhiifamaa fi amanamumma'a; isin kaawwanillee uduu hin dhiifne, waan kanniinillee godhutu isin barbaachisa. Isin bulchoota balloota! Isin waan dhuddan keessaa bookee hin dhimbiibdan, gaala ammo hin liqimsitan. Barsiisota Seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin aanne'e! miju'uu fi qorii gubbaa hin qulqulleessitan, keessi ammo saamichaa fi dondhumma'aan guuttameera. Ati Fariisicha ballaa'a! gubbaan isaa akka bareedu, dura dursiitii keessa qori'iitii fi sabaree qoraasi. «Isin Barsiisota Seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota! gubbaan keessan bareedee mudhata, keessi keessan ammo awwaala noora'aan dibame, lafee worra du'eetii fi waan battii maraan guuttame waan fakkaatuuf isin aanne'e! Akkasuma isinillee gubba'aan worra biraatiif qajeellota fakkaattan, Keessi keessan ammo uf tuulumma'aa fi hammeennaan guuttameera. «Barsiisota Seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin aanne'e! Waan awwaala raattotaa ijaartanii fi awwaala qajeellotaallee bareechiftaniif. Isin, ‹Bara abbootii teennaa uduu jiraannee, nu dhiiga raattotaa dhangalaasuu keessatti isaan woliin hin hirmaanne waan jettaniif›, isin aanne'e! Akkasiin isin ilmaan worra raattota ajjeesee akka taatan uf irratti ragaa baatan. Isinillee akkasuma hujii cubbuu abbootii teessanii guuta'aa fixaa'a. Isin bofa, ijoollee buuti'ii murtii asaabaa jalaa attamiin baatan? Kanaafuu Raattotaa fi ogeeyyii barsiisota Seera Muuse'eellee gara keessan erga. Isin isaan keessaa garii hin ajjeeftan, kaan hin fanniftan, worra kaawwanillee mana Yihuudonni wolitti qabaman keessatti dhaantanii qachaa irraa gara qacha'aa ariitan. Dhiiga Aabeelii nama qajeela'aa irraa jalqabee haga dhiiga Zakkaariyaasii ilma Baraakiyuu isa isin mana woyyu'uu mi'a kenna'aa irratti ajjeeftan, dhiiga qajeellotaa ka lafatti jige maraafuu hin gaafatamtan. Ani dhugamaan isiniin jedha, wonti kun maruu dhaloota bara kanaa irratti hin ta'a» jedhe. Yesuus ammallee, «Ee! Yeruusaalem, Yeruusaaleem, qachaa raattota ajjeeftuu fi worra gara kee ergame dhaka'aan tumtu! Akka lukkuun ilmoolee ufii koola ufii jalatti wolitti qabattu, anillee hennaa meeqa ijoollee tee wolitti qabuu barbaade; isin ammo hin diddan. Kunoo, manni keessan ona ta'ee hafe. Ani akkana isiniin jedha, ‹Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu, ka eebbifame› haga jettanitti ammaa achi deebitanii na hin argitan» jedhe. Yesuus mana woyyu'uutii bayee uduu deema'aaru, darasoonni isaa ijaarsa mana woyyu'uu isatti mudhisu'uuf gara isaa dhufan. Achiin maayessa inni, «Isin waan kana maraa hin argitanii mii? isaaniin jedhe, Ani dhugaa isinitti hima, dhakaan tokkochi wol irratti hin hafu; martinuu hin diiggama» isaaniin jedhe. Yesuus gaara ejersaa irra taa'ee uduu jiru, darasoonni hojjatti gara isaa dhufanii, «Kun yoom ta'a nutti himi? Dhufa keetii fi dhuma biyya lafaatiif malkanni maali'i?» jedhaniin. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Eennullee akka isin hin dogoggorsine uf eeggadhaa'a! Namoonni hedduun, ‹Ani Kiristoos› jedha'aa maqaa kiyyaan dhufan. Namoota hedduu hin dogoggorsan. Woraanaa fi oduu woraanaa hin dhageettan; akka hin rifanne uf eeggadhaa'a; Kun ta'uun isaa dirqama, haata'uu ammo ammallee dhumni hin geenne. Gofti gosatti, mootummaan mootumma'atti hin ka'a;, beellinii fi sochiin lafaa hulee adda addaatitti hin ta'a. Kun maruu ammo ciniinsuu duraati. «Achiin maayessa isaan akka rakkattanii fi akka ajjeefamtan dabarsanii isin kennan, sababa maqaa kiyyaatiif jettanii gosa maraan worra jibbame taatan. Hennaa san namoonni hedduu amantaa irraa duubatti deebi'an, isaan dabarsanii wol kennan, Wolillee hin jibban. Raattonni dharaa hedduunillee hin ka'an, Namoota hedduullee hin dogoggorsan. Sababaa baayi'inna hammeennaatiin, jaalalti namoota hedduu hin qabbanooft. Ka haga dhumaa dhaabate ammoo hin fayya. Gosa maraaf ragaa akka ta'u, Oduun Nagayaa ka jeennataa, biyya lafaa maratti hin lallabama. Achiin maayessa muummeen hin dhufti» jedhe. Yesuus ammallee, «Akkuma raagaan Daani'el dubbate, ‹Farra badi'ii› hulee woyyitti'ii dhaabatee yoo argitan, ka kana dubbisu haa hubatuu! Hennaa san worri biyya Yihuuda'aa keessa jiru gara gaarranii haa baqatuu. Ka gamoo manaa irra jiru waan mana keessaa fudhachu'uuf gad hin bu'in. Namni maasaa keessa jiru uffata fudhachu'uuf gara manaa hin deebi'in. Guyyaa san dubartoota ulfaatii fi ta harma hoosiftuuf aanne'e! Haata'uu ammo bandhi keessan gannaan yookiin guyyaa Sambataa akka hin taane Rabbiin faateffadhaa'a. Hennaa san rakkinni guddaan hin dhufa, rakkinni akkasii haga biyyi lafaa uumamte irraa jalqabee haga ammaatitti ta'ee hin beeku, sirimaa deebi'eelle hin ta'u. Guyyoonni sun uduu gabaabbatuu dhabaatee, namni tokkollee silaa hin fayyu; sababa worra filatameetiif ammoo guyyoonni sun hin gabaabbatan. Hennaa san, «Eennullee ‹Kunoo! Kiristoos as jira!› yookiin, ‹Inni achi jira!› yoo isiniin jedhe hin amaninaa'a. Isin keessaa namoonni gari gariin, worra nu Kiristoos ufiin jedhanii fi raattota dharaa ta'an. Uduu isaanii danda'amee, worra Rabbiif filatame dogoggorsu'uuf malkata gugurda'aa fi baasa hujan. Kunoo ani duraan dursee kana isinitti himeera. Maarre isaan, ‹Kunoo! Inni lafa gammoojji'ii jira› yoo isiniin jedhan, gadi hin bayinaa'a. Yookiin, ‹Kunoo! Inni gola keessa jira› yoo isiniin jedhan hin amaninaa'a. Akkuma Bakakkaan baya biiftu'uutii bayee ifa'aa haga lixa biiftu'uutitti ibsu, dhufti Ilma Namaallee akkasuma ta'a. Hulee randhi jirutti rumichii wolgeetti» jedhe. Yesuus ammallee, «Guyyoota rakkinnaa saniin maayessa yoma san aduun dukkanoofti, jiinillee ifa ufii hin kennu; urjoonni samii gubba'aa hin harca'an, hundeen sami'iillee hin raafama. Achiin maayessa malkanni Ilma namaa samii gubba'atti hin mudhata, hennaa san gofti biyya lafaa maruu banne, banne jedhan. Ilmi Namaa duumessa sami'iitiin hunnaa fi ulfinna gudda'aan yoo dhufu hin argan. Inni Maleekkota ufii laagaa xurumbaa guddaa woliin hin erga. Isaanillee qaccee samiiwwaniitii haga qaccee samiiwwanii, daangaa lafaatii haga daangaa lafaa worra isaaf filatame wolitti qaban.» Yesuus ammallee, «Muka hurbu'uu irraa baradhaa'a! Damee baaftee baalli isi'ii hennaa late, bonni akka dhiyaate hin beettan. Maarre akkasuma, waan kana maraa hennaa argitan akka Ilmi Namaa balbalatti dhiyaate beekaa'a! Ani dhugamaan isiniin jedha, haga wonti kun maruu ta'utti dhaloonni kun hin badu. Ardi'ii fi samiin hin baddi. Dubbiin kiyya ammoo hin badu.» Waan guyyaa saniitii fi sa'aatii sanii Abbaa calla'atu beeka malee, eennullee hin beeku, maleekkonni sami'iitii fi Ilmillee, akkasuma eennullee hin beeku. Akkuma bara Noohiititti ta'e, dhufti Ilma Namaallee akkasuma ta'a. Bara san bisaan badi'iitiin dura, haga Noohi markaba seenetti, namoonni nyaata'aa, dhuga'aa, fuudha'aa, heeruma'aa turan; haga bisaan badi'ii dhufee isaan maraa haree deemutti isaan womaa hin beenne. Maarre dhufti Ilma Namaallee akkasuma ta'a. Hennaa san namoonni lamaa maasaa keessatti hujan; tokkochi ol fudhatama, tokkochi hin hafa. Dubartoonni lamaan uduu midhaan daakan; takka ol fudhatamti, takka hin hafti. Gooftaan keessan sa'aatii kamitti akka dhufu waan hin beenneef, eeganaa dammaqa'aa eeggadhaa'a. «Waan kana hubadhaa'a; abbaan manaa halkan keessa sa'aatii kamitti hattuun akka dhuftu uduu beekee, manni isa jalaa haa qotamu'uuf hin dhiisu. Kanaaf Ilmi Namaa sa'aatii isin hin qaabannetti waan dhufuuf, isinillee qophaaya'aa jiraadhaa'a.» Yesuus ammallee, «Eeganaa hojjataan amanamaanii fi qaroon, ka gooftaan isaa akka inni hojjattoota isaatiif nyaata henna'aan kennuuf, mana ufii irratti muude eennu? Hojjataan gooftaan isaa hennaa deebi'u uduu hojjatu arguun sun ka eebbifame. Ani dhugamaan isinitti hima, gooftaan isaa qabeenna ufii maraa irratti isa muuda. Hojjataan hamaan sun ammoo yaada ufii keessatti, ‹Gooftaan hin tura› jedhee yoo, Hojjattoota tuma'aa, worra machaayu woliin nyaachu'uu fi dhuguu jalqabe, gooftaan hojjataa sanii guyyaa inni hin eennee fi sa'aatii inni hin beennetti hin dhufa. Inni hojjataa san bakka lamatti baqassa, hiree isaallee worra fakkeessu woliin taasisa. Achitti booya'aa ilkaan qara» jedhe. Yesuus itti aansee, «Hennaa san jeennanni sami'ii durba kudhanii ta ibsaa isaanii qabatanii idaayyaa reebbatu'uuf bayan fakkaatti. Isaan keessaa shanan ceem'aaleeyyi'i shanan ammoo qalbiqabeeyyi'i. Ceem'aaleeyyiin shanan ibsaa ufii qabatan malee, zayitii ibsa'atti buufatan hin qaban. Qalbiqabeeyyiin ammoo ibsaa ufii woliin zayitii bilille'etti qabatan. Idaayyaan uduu hin dhufin turraan, marti isaaniituu muganii rafan. Hennaa halkan qixxee ta'e, laagaa gudda'aan, ‹Idaayyaan Kunoo ti! Isa reebbachu'uuf bayaa'a!› jedhu dhagayame. Hennaa san babbareeddan sunniin maruu ka'anii ibsaa ufii qopheeffatan. Worri ceem'aaleeyyiin sunniin worra qalbiqabeeyyi'iin, ‹Ibsaan keenna waan dhaama'aaruuf, zayitii keessan irraa diqqoo nuu kennaa'a› isaaniin jedhaniin. Qalbiqabeeyyiin ammoo deebisanii, ‹Wa'a! Ka nu'uu fi isinii gayu hin jiru. Worra gurguru bira dhaqa'aatii bitadhaa'a!› jedhaniin. Hennaa isaan bitatu'uuf deeman, Idaayyaan hin dhufe; durbi qophoofteertu sunniin isa woliin gara mana cidhaa haga seenan, balbalti hin cufame. Maayessa worri hafan babbareeddonni turanii dhufanii, ‹Gooftaa, Gooftaa! Nuu bani!› jedhaniin. Inni ammo deebisee, ‹Ani dhugaa isiniin jedha, ani isin hin beeku› jedhe. Guyya'aa fi sa'aatii san waan hin beenneef dammaqa'aa eeggadhaa'a!» jedhe. Yesuus ammallee, «Jeennanni sami'ii nama biyya biraa deemu'uuf ka'ee, hojjattoota ufii waamee qabeenna qabu amaanaa isaanitti kennate tokko fakkaatti. Inni akkuma dandeettii isaaniititti tokkoof saantibii worqi'ii kuma shan, kaaniif kuma lama, kaaniillee kuma tokko kennee gara biyya fago'oo deeme. Ka saantibii worqi'ii kuma shan fudhate yoma san ittiin daldalee, saantibii worqi'ii kuma shan bu'aa keessaa buufate. Akkuma san, ka saantibii worqi'ii kuma lama fudhatellee kuma lama bu'aa keessaa buufate. Ka saantibii worqi'ii kuma tokko fudhate ammoo, dhaqee boolla qotee saantibii worqi'ii goofta'aa san awwaale. Bara hedduun maayessa gooftaan hojjattoota sanniinii galee isaan tooyate. Ka saantibii worqi'ii kuma shanii irraa fudhate gara isaa dhufee, saantibii worqi'ii kuma shanii kennee, ‹Gooftaa'a, ati saantibii worqi'ii kuma shanii natti kenniteerta; kunoo, ani ka biraa saantibii worqi'ii kuma shanii bu'aa irraa buufadheera.› jedhe. Gooftaan isaa, ‹Mishaa goote, ati hojjataa amanama'a; waan diqqoo irratti amanamteerta, ani waan heddu irratti si muuda; koottuu gammachu'uun gara hulee gooftaan kee sii qopheessee seeni!› jedheen. Ka saantibii worqi'ii kuma lama fudhatellee dhufeeti, ‹Gooftaa'a, ati saantibii worqi'ii kuma lama natti kennitee turte; kunoo, ani ka biraa saantibii worqi'ii kuma lamaa bu'aa buufadheera.› jedhe. Gooftaan isaa, ‹Mishaa goote, ati hojjataa amanamaa'a waan diqqo'otti amanamteerta hedduu irratti si muuda gammachu'uun gara hulee gooftaan sii qopheessee seeni› jedheen. Ka saantibii worqi'ii kuma tokko fudhatellee gara isaa dhufee, ‹Gooftaa'a, ati bakka itti hin facaafnee akka haamattu bakka itti hin bittinneessinee akka wolitti qabattuu fi nama hamaa ta'uu kankee waan beekuuf; si sodaadhee, dhaqee saantibii worqi'ii kee boollatti awwaale, kanaaf saantibii worqi'ii kee kunoo ti› jedheen. Gooftaan isaa ammoo, ‹Ati hojjataa hama'aa fi ceem'aalessa uduu hin facaafne akka haamadhu, uduu hin bittinneesine akka walitti qabadhu hin beettaa? Ati saantibii worqi'ii kiyya worra saantibii worqi'ii dhalaan fudhatutti kennu'utu si barbaachisa. Anillee dhufee waan qabu bu'aa woliin silaa hin fudha. Maarre saantibii worqi'ii irraa fuudha'aatii ka saantibii worqi'ii kuma kudhanii qabuuf kennaa'a. Ka qabu maraaf itti eda'amee waan kennamuuf, hin baayi'ataafille'e; ka hin qabne ammoo ta qabu sunuu irraa fudhatama. Hojjataa gatii hin qabne kana, dukkana diidaatitti gad gataa'a, achitti booya'aa ilkaan qara» jedhe. Yesuus ammallee, «Ilmi Namaa ulfinna ufiitii fi Maleekkota Rabbii maraa woliin hennaa dhufu, teessoo ulfinnaa ka ufii irra taa'a. Worri Yihuudota hin taane maruu afoo isaatitti wolitti qabaman; akkuma tisseen Hoolotaa fi Re'iin addaan fooyu, innillee akkasuma namoota addaan fooya. Hoolota mirga ufiititti, Re'iin ammoo bitaa ufiitiin dhaabsisa. Worra mirga isaa jiraniin, mootichi akkana jedhaan, isin eebbifamtoota abbaa kiyyaa koottaa'a; Hennaa biyyi lafaa uumame irraa jalqabee jeennata isinii qophaaye dhaalaa'a. Beelayee na nyaachiftaniirtan, dheebodhee na obaaftaniirtan, keessummaa ta'ee na keessummeessitaniirtan, daaree, daara na baaftaniirtan, dhibamee na gaafattaniirtan, hidhameellee na gaafattaniirtan. Qajeellonni deebi'aniiti akkana isaan jedhan, ‹Gooftaa'a, beeloftee yoom si arginee si nyaachifne? Yookiin dheebottee arginee yoom si obaafne? Keessummaa taatee arginee yoom si keessummeessine? Yookiin daartee arginee yoom daara si baafne? Yoom dhibamtee yookiin hidhamtee arginee si gaafanne? jedhaniin. Mootichillee deebisee, «Ani dhugamaan isiniin jedha, obboleeyyan tiyya worra maraa caalaa didiqqaa kanniin keessaa tokkoof ka gootan, akka waan naaf gootanii ti!» isaaniin jedhe. Hennaa san worra bitaa irra jiraniin ammoo, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadhaa'a; gara ibidda bara baraa ka seexanaa fi ergamtoota isaatiif qophaayeetitti deemaa'a! isaaniin jedhe. Beelayee na hin nyaachifne, dheebodhee na hin obaafne, Keessummaa ta'ee na hin keessummeessine, daaree daara na hin baafne, dhibamee, hidhameellee na hin gaafanne› jedha. Achiin maayessa isaanillee deebisanii, ‹Gooftaa'a, beeloftee, yookiin dheebottee, yookiin keessummaa taatee, yookiin daartee, yookiin dhukkubsattee, yookiin hidhamtee si arginee, yoom si gargaaruu dhabne?› jedhaniin. Hennaa san mootiin deebisee, ‹Ani dhugamaan isiniin jedhaa, worra maraa caalaa didiqqaa kanniin keessaa tokkoof waan hin gooneef, naafillee ammo womaa hin goone› jedhee isaanii deebise. Worri kun gara adabbii bara baraa, qajeellonni ammo gara jireenna bara baraa galan» jedhe. Yesuus dubbii kana maraa dubbatee haga fixeen maayessa, darasoota ufiitiin, «Guyyaa lamaan maayessa ayyaanni Faasika'aa akka ayyaaneffamu hin beettan. Ilmi Namaa worra Isa fannisutti dabarfamee kennama» jedhe. Achiin maayii hayyichi gadootaatii fi manguddoonni gumi'ii dallawwa gadicha guddaa Qayyaafaa jedhamuutitti walgayan. Yesuusiin dharaan qabsiisanii ajjeesu'uuf mari'atan. Haata'uu ammoo, «Gumii eddu'utti nageenni akka hin boorofne guyyaa ayyaanaatiin hin ta'in» jedhan. Yesuus Biitaaniya'atti mana Simoonii dhukkuba gogaa kukkutuun qabamee uduu jiru, Dubartiin takka urgoo gatiin isaa gudda'aa ka bilqaaxii Albaaxiroosiititti guuttame qabattee gara isaa dhuftee, uduu inni hurbaataaf taa'eeru, urgoo san mataa isaa irratti buufte. Darasoonni isaa hennaa argan, aaranii, «Kun maaf lafatti bada? Urgoon kun gatii gudda'atti gurguramee, birriin sun silaa hiyyeeyyi'iif uduu kennamee woyya» jedhan. Yesuus waan kana beekee akkana isaaniin jedhe, «Dubartii tana maaf rakkiftan? Isiin waan mishaa naa goote. Hiyyeeyyiin hennaa maraa isin woliin jiran, Ani ammo hennaa maraa isin woliin hin jiraadhu. Isiin urgoo kana nafa kiyyatti buuftee awwaalaaf na qopheessite. Ani dhugamaan isiniin jedha, biyya lafaa maraa keessatti, bakka kamittuu Oduun Nagayaa hennaa lallabamu wonti isiin goote kun ammoo akka isiin qaabatamtuuf himama.» Hennaa san darasoota kudha lamaan keessaa namni Yihuudaa jedhamu ka biyya Asqorootuu tokko gara bulchoota gadootaa dhaqee, «Yoo ani isa dabarsee isinii kenne, isin maal naa kennitan?» isaaniin jedhe; isaan birrii soddoma jedhaniin. Sa'aatii san irraa jalqabee dabarsee isa kennu'uuf hennaa mishaa isaaf tolu soqa'aa ture. Jalqaba guyyaa ayyaana xorosho'oo darasoonni gara Yesuusii dhufanii, «Hurbaata ayyaana Faasika'aa eessatti akka sii qopheessinu barbaadda?» jedhanii isa gaafatan. Inni deebisee, «Qachaa keessa gara mana nama tokkoo dhaqa'aatii, namicha saniin, ‹Barsiisaan hennaan kiyya dhiyaateeraa; darasoota tiyya woliin si biratti ayyaana Faasikaa godha, jedheera› jedha'aan.» isaaniin jedhe. Darasoonni isaallee akkuma Yesuus isaan ajaje godhanii Faasikaa qopheessan. Galgala san darasoota ufii barattoota kudha lamman woliin hurbaataaf taa'e. Uduu waa nyaata'aarani, Yesuus, «Ani dhugamaan isiniin jedha, isin keessaa namni tokko dabarsee na kenna» jedhe. Guddisanii gaddanii gari gariin isaanii, «Gooftaa'a, ana ta'innaa?» jechuu jalqaban. Yesuus deebisee, «Ka ana woliin harka ufii qorii keessa kaayutu dabarsee na kenna» jedhe. Ilmi Namaa akkuma wonti isaa barreeffame hin du'a. Haata'uu ammoo, «Nama Ilma Namaa dabarsee kennu san aanne'e! Namni sun silaa uduu dhalachuu baatee isaa woyya» isaaniin jedhe. Yihuudaan dabarsee isa kennu deebisee, «Barsiisaa'a, ana ta'innaa?» jedhe. Innillee atuu jette jedheen. Uduu nyaata'aaran, Yesuus xoroshoo ol fuudhee eebbisee qoshoree darasootaan, «Hoo'aa nyaadhaa'a; kun foon kiyya» jedhe. Xuwweellee ol fuudhee Rabbiin galatoonfatee, isaanii kennee, «Isin maruu itti unaa'a; Kun dhiiga kiyya ka waadaa haarawaa ka cubbuu namoota hedduutiif jigu. Haata'uu ammoo akkana isiniin jedha, jeennata Abbaa kiyyaa keessatti isin woliin ammaa achi haga guyyaa daadhii woyini'ii dhuguutitti adha irraa jalqabee deebi'ee isin woliin hin dhugu» isaaniin jedhe. Faaruu haga faarsaniin maayessa gara gaara ejersaa ol bayan. Hennaa san Yesuus isin martinuu halkan kana na dhiiftanii baqattan, Ani tissee hin dhayaa hoolonni hin faca'an jedhamee waan barreeffameeruuf. Hennaa du'aa ka'een maayessa ammoo gara Galiila'aa isin firrisa isaaniin jedhe. Pheexroos deebisee, «Yoo isaan martinuu si biraa baqatanillee, ani horomaa si biraa hin baqadhu» jedheen. Yesuus, «Ani dhugamaan siin jedhaa, edanuma, uduu lukkuun hin iyyine, harka sadihii na waakkatta» jedheen. Pheexroos ammo, «Yoma ka si woliin du'u ta'ellee'e, ani horoma si hin waakkadhu» jedheen. Darasoonni maruu akkasuma jedhan. Achiin maayessa Yesuus isaan woliin gara hulee Getesemaanee jedhamtuu dhaqee, darasoota ufiitiin, «Haga ani achi dhaqee faateffadhuuf, isin asi taa'aa'a!» isaaniin jedhe. Pheexroosii fi ilmaan Zabdewoosii lamaanuu fudhatee, yaadda'uu fi gadduu jalqabe. Achiin maayessa inni, «Lubbuun tiyya haga du'aa guddiftee gadditeerti. Isin as turaa na woliin jabaadhaa'a» isaaniin jedhe. Diqqoo isaan irraa siiqee, kallachaan gad kufee, «Abbaa kiyya, yoo danda'ame, mijuun rakkinnaa tun narra haa luftuu; haata'uu ammoo akka fedha keetii malee, akka fedha kiyyaa hin ta'in» jedhe. Achiin maayessa inni gara darasootaa dhufee, uduu rafa'aaran isaan argee, Pheexroosiin, «Maarre, isin sa'aatima tokkollee na woliin jabaachuu dadhabdanii? Akka ataabe'etti hin galle jabaadha'aa faateffadhaa'a; Ayyaanni qophaaya'a, foon ammoo dadhaba'a» jedheen. Yesuus ammallee hennaa lammaffa'aaf isaan irraa siiqee, «Abbaa kiyya, mijuun rakko'oo tuni uduu hin dhunne narra lufuu ka hin danda'amne yoo ta'e, fedhiin tee haa taatu» jedhee faateffate. Yesuus ammallee deebi'ee yoo dhufu ijji isaanii dunquqqaayee ka rafa'aaran arge. Ammallee isaan irraa siiqee, hennaa sadaffa'aafillee akkasuma jedhee faateffate. Achiin maayessa gara darasootaa dhufee, «Isin haga ammaa rafa'aa, harabaafata'aartanii? Kunoo, sa'aatiin Ilmi Namaa harka cubbamootaatitti dabarfamee kennamu geetteerti. Koottaa haa deemnuu! Kunoo, ka dabarsee na kennu dhiyaateera» isaaniin jedhe. Uduu Yesuus waan kana dubbata'aaru, darasoota kudha lamaan keessaa tokko, Yihuudaan dhufee; gumiin hedduu isa woliin guraade'ee fi bokkuu qabatanii, bulchoonni gadootaatii fi manguddoonni biyyaallee isa woliin dhufan. Yihuudaan dabarsee isa kennu, «Namni ani dhungadhu isaa, isa qabaa'a» jedhee malkata isaanii kenne. Yihuudaan akkuma gara Yesuusii dhufeen, «Barsiisaa'a, attam nagaya jirtaa!» jedhee isa dhungate. Yesuus deebisee, «Jaalalloo kiyya, waan huju'uuf dhufte huji» jedheen. Achiin maayessa isaan dhufanii Yesuusiin jabeessanii qaban. Worra Yesuusiin woliin jiran keessaa tokko guraadee baafatee gurra hojjataa gadichaa dhayee irraa kute. Hennaa san Yesuus akkana jedhe, «Guraadee kee qolatti deebis; worri guraadee luqqifatan maruu guraade'een badan. Ani Abbaa kiyya uduu gaafadhee, Inni ammoo ammuma maleekkota loltuu kudha lamaa caalan waan naa erguu hin dandeenne si fakkaataa? Yoo akkana ta'e, wonti Kitaabni Woyyuu irratti barreeffame attamiin raawwatama ree?» Hennaa san Yesuus gumi'iin akkana jedhe, «Akka nama shiftaa qabu'uuf bokku'uu fi guraadee qabattanii na qabu'uuf dhuftanii? Hennaa ani guyyaa guyya'aan mana woyyuu keessa isin woliin taa'ee barsiisu, na hin qabne isaaniin jedhe. Haata'uu ammoo kun martinuu wonti ta'eef Kitaaboleen raattotaa haa raawwatamu'uuf» jedheen. Hennaa san darasoonni martinuu Isa dhiisanii dheessan. Worri Yesuusiin qaban sun, barsiisonni Seera Muuse'eetii fi manguddoonni hulee gumiin itti wolgaye, gara bulchaa gadootaa gara Qayaafaa fidaniin. Pheexroos haga dallawa gadichaa irraa fagaatee faana deeme. Dhuma dubbii kanaa argu'uuf dallawa keessa seenee hojjattoota woliin taa'e. Bulchoonni gadootaatii fi gumiin jaarsolle'ee maruu Yesuusiin ajjeesu'uuf raattoota dharaan isa irratti ragaa bayan soqa'aa turan. Raattota dharaa hedduu hennaa fidanillee'e, womaa isa irratti hin argine; dhuma irratti namoonni lamaan dhufanii, «Namichi kun, ‹Ani mana woyyuu Rabbii kana diigee guyyaa sadihitti ijaaruu danda'a› jedheera» jedhan. Bulchaan gadootaa ol ka'ee, «Waan isaan si irratti ragan kanaaf ati waan tokkollee hin deebiftuu?» jedheen. Yesuus ammoo hin cadhise, Achiin maayessa bulchaan gadootaallee, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin si wogee, ati Kiristoosii Ilma Rabbii yoo taate nutti himi» jedheen. Yesuus deebisee, «Maarre atinuu jette. Haata'uu ammoo akkana isiniin jedha, amma irraa jalqabee Ilmi Namaa harka mirga Rabbii hunna qabuu ka samii taa'u duumessaanillee hennaa deebi'ee dhufu hin argitan» jedheen. Hennaa san bulchaan gadootaa uffata ufii biinxee, «Kunoo Inni Rabbiin arrabseera! Eegasuu ammaa achi ragaa biraa maaf barbaanna? Maal isinitti fakkaata?» jedhe. Isaan deebisanii, «Inni haa du'uu» jedhan. Hennaa san hancufa fuula isaatitti tufanii tontoommo'oon dhayan; Kuuwwan dhabanaasa'aan kabalanii, «Kiristoos! ka dhabanaasa'aan si dhaye eennu? mee raaga nutti himi» jedhaniin. Pheexroos manaan ala dallawwa keessa taa'ee uduu jiru, Dubartiin hojjattuun takka gara isaa dhuftee, «Atillee Yesuusii Galiila'aa woliin turte!» jetteen. Inni ammoo, «Nama ati jettu kana ani hin beeku» jedhee nama maraa afo'otti waakkate. Hennaa inni gara seensa balbalaa dhaqe, ta biraallee isa argitee, worra achi jiruun, «Namichi kun Yesuusii nama Naazireetii woliin jira» jette. Lammaffaallee ani isa hin beeku jedhee kakatee waakkate. Diqqoo turanii worri achi dhaabataniiran gara Pheexroosii dhufanii, «Akki ati dubbattuuyyuu hin beessisa, ati dhugamaan nama gosa isaaniiti» jedhaniin. Hennaa san inni, «Ani namicha isin jettan san hin beeku» jedhee uf abaara'aa kakachuu jalqabe. Achiin maayessa Pheexroos dubbii Yesuus, «Uduu lukkuun hin iyyin harka sadihii na waakkatta» jedhe qaabatee, gara diidaa gad bayee akka malee mararamee booye. Haga lafti bari'e bulchoonni gadootaatii fi manguddoonni gumi'ii maruu Yesuusiin ajjeesu'uuf mari'atan. Yesuusiin hidhanii gara bulchaa Philaaxoos Pheenxanichaatitti dabarsanii kennan. Hennaa san Yihuudaan isa dabarsee kenne akka isatti murteeffame argee gaabbee, birrii soddomaa san bulchaa gadootaatii fi manguddootaa deebisee, «Ani dhiiga nama Woyyu'uu dabarsee waan kenneef yakkeera» isaaniin jedhe. Isaan ammoo, «Maaltu nu dhibe ree? Hajaa keeti!» jedhaniin. Yihuudaan birrii mana woyyuu keessatti gatee, deemee uf hudhee du'e. Bulchoonni gadootaa birrii san fuudhanii, «Birriin kun gatii dhiigaa waan ta'eef, kennaa Mana Woyyu'uutitti makuun seeraa miti» jedhan. Isaan mari'atanii namicha faara dhayu irraa lafa awwaala keessummootaa bitaniin. Sababa kanaaf lafti sun haga adhaa, «Lafa dhiigaa» jedhamte. Hennaa san wonti dubbii Ermiyaasiitiin isaan birrii soddoma akka gatii isaa taatuuf ijoolleen Israa'elii gariin salla'anii fuudhanii, Akkuma Gooftaan ajajetti gatii lafa namicha faara dhayuuti jedhee dubbate sun raawwatame. Yesuusillee bulchaa afoo dhaabate; bulchaanillee, «Ati mootii Yihuudotaatii?» jedhee isa gaafate. Yesuus, «Maarre atuu jette» jedheen. Bulchoonni gadootaatii fi manguddoonnillee hennaa isa himatan womaa isaanitti hin deebifne. Hennaa san Philaaxoosi namni hagamii akka sitti rageesse hin dhageettuu? jedheen. Inni waan tokkollee hin deebifneef; Kanaafuu bulchaan guddisee maalale. Hennaa ayyaanaa san mootiin biyyaa nama hidhame ka baniin jaalatu tokko isaanii hiikuu aadaa qaba. Hennaa san nama dharaan beekkamu ka Baarbaan jedhamu tokko mana hidha'aa keessa jira. Isaan walgayanii uduu jiran Philaaxoos, «Eennuun isinii hiika? Baarbaaniin moo Yesuusii Kiristoos jedhamu?» isaaniin jedhe. Inni akka hinaaffa'aan dabarsanii isa kennan waan beekuuf. Uduu inni teessoo murti'ii irra taa'eeru, haati manaa isaa waan isaatiif adha eebju'uun rakkoo gudda'atu narra gayeera. Nama qajeelaa kana womaa hin godhin jettee isatti ergite. Bulchoonni gadootaatii fi manguddoonni Baarbaaniin akka isaanii hiikaniif Yesuusiin ammoo akka ajjeessisaniif gumii shelatan. Bulchaanillee deebisee, «Lamaan keessaa eennuun akka isinii hiiku feetan» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Baarbaaniin nuu hiiki!» jedhan. Philaaxoos eegasuu, «Yesuus Kiristoos ka jedhamu maal haa godhu ree?» isaaniin jedhe. Isaan martinuu, «Inni haa fannifamuu!» jedhan. Bulchaan wonti inni godhe, balleessaan isaa maali'i? jedhe. Isaan ammoo haa fannifamuu jedha'aa iyya'aa guddisanii wocan. Philaaxoos booressuu ta'a malee womaa godhuu akka hin dandeenne haga arge, bisaan fudhateeti, dhiiga nama qajeela'aa kana irraa ani qulqullu'u; isintu itti gaafatama jedhee, gumii afo'otti harka ufii dhiqate. Gumiin martinuu deebisanii, «Dhiinni isaa nu'uu fi ijoollee teenna irra haa ta'uu» jedhan. Achiin maayessa inni Baarbaaniin isaanii hiikee, Yesuus ammoo tumamee akka fannifamu dabarsee kenneen. Hennaa san hidhattoonni bulcha'aa, Yesuusiin gara dallawa bulcha'aa geessanii, hidhattoota maraa isa biratti wolitti qaban. Uffatallee isa irraa mulqanii uffata diimaa itti uwwisan. Gaalee qoree irraa Korbobboo maranii mataa isaa irra kaayan. Ulee harka mirgaatiin qabsiisanii, afoo isaatitti jilbiiffatanii, «Mootii Yihuudi'ii, nageenni siif haata'u!» jedha'aa itti balda'aa, Itti tufan, uleellee harkaa fuudhanii mataa keessa dhayan. Haga itti baldaniin maayessa, uffata diimaa irraa mulqanii uffata isaa itti uwwisanii fannisu'uuf achi fidan. Hennaa bayan namicha Simoon jedhamu ka biyya Qareena'aa arganii, fannoo Yesuusii akka baatu hunnaan isa giddisiisan Isaan hulee golgootaa jedhamtu dhufan; «Golgootaa» jechuun «Hulee buqqee mata'aa» jechu'u. Daadhii woyini'ii ka hadhooftu'uun makame haa dhugu'uuf kennaniif. Afaaniin qabee dhuguu jibbe. Haga fannisaniin maayessa uffata isaatitti hiree hixaa buusanii qoodaman. Achuma taa'anii eega'aa turan. Isaan barreeffama ittiin isa himatan, «Yesuusiin kun mootii Yihuudi'iiti» jedhu, mataa isaa gubbaa kaayan. Hennaa san shiftoonni lamaa tokko mirgaan, tokko bita'aan isa woliin fannifaman. Worri isa bira lufanillee mataa ufii sochoosa'aa arrabsa'aanii turan. «Ati ka mana woyyuu diiddee guyyaa sadihitti ijaartu, mee uf fayyisi. Ilma Rabbii yoo taate mee fannoo irraa gadi bu'i.» jedhaniin. Akkasuma bulchoonni gadootaa, barsiisonni Seeraatii fi manguddoota woliin itti balda'aa akkana jedhan. «Inni kaawwan fayyiseera; uf fayyisuu hin danda'u. Inni mootii Israa'elii yoo ta'e, mee amma fannoo irraa gadi haa bu'uu; nullee itti amannaa. Rabbitti amanateera, ‹Ani Ilma Rabbiiti› waan ufiin jedheeruuf, yoo jaalateen mee amma Isa haa oolchuu» jedhan. Akkasuma shiftoonni isa woliin fannifamanillee isa arrabsan. Sa'aatii jahaa irraa jalqabee haga sa'aatii sagalii biyyi martuu hin dukkanoofte. Gara sa'aatii sagaliititti Yesuus, «Elohee, Elohee, lamaa sabaktanii?» jedhee laagaa gudda'aan iyye. Akkas jechuun, «Rabbii kiyya, Rabbii kiyya, maaf na dhiifte?» jechu'u. Namoonni achi dhaabatan dhagayanii, «Namichi kun Eliyaasiin waamata'aara» jedhan. Yomasan isaan keessaa tokko fiigee dhufee, carqii qaccee ule'eetitti hidhee dhangaggooftuu keessatti cuuphee, akka afaan isaatitti coccophu godhe. Kuuwwan ammoo dhiisanii, «Dhiisi mee! Eeliyaas dhufee akka isa fayyisu arginaa!» jedhan. Yesuusillee lammaffaa laagaa gudda'aan iyyee lubbuu ufii kenne. Golgi mana woyyuu olii haga gadii bakka lammatti biinxame Lafti hin sochoote, Dhagaanillee hin babbaqaqe; Awwaallan hin banaman; worra amanta'aan woyyoomanii du'anii turan keessaa, hedduun isaanii fooniin ka'an. Du'aa ka'insaan maayessa awwaallan keessaa bayanii, heddu isaanii gara qachaa woyyiti'ii galanii, namoota heddutti mudhatan. Ajajaa loltoota dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuusiin eega'aa turan, raafamaaf sochii ta'e arganiiti, «Kun dhugamaan Ilma Rabbiiti» jedhanii guddisanii sodaatan. Worri Yesuusiin tajaajila'aa Galiilaa irraa isa faana deeman dubartoonni heddu fago'oo hennaa laalan isaan achuma jiran. Isaan keessaa Maariyaam ta biyya Magidala'aa, Maariyaamii haadha Yaaqoobiitii fi haadha Yoosaa, Maariyaamii haadha ijoollee Zabdewoosii fa'atu ture. Hennaa galgalaaye, Namichi dureessi Yooseef jedhamu tokko qachaa Armaatiya'aatii achi dhufe; innillee akkasuma darasaa Yesuusii ture. Innillee gara Philaaxoosii dhaqee reeffa Yesuusii kadhate. Philaaxoosillee akka kennaniif ajaje. Yooseefillee reeffa isaa fuudhee woccuu qulqullu'uun sattare. Awwaala dhaga'aa ka goda keessatti ufiif bocate keessa kaayee dhagaa gudda'aan balbala awwaalaa cufee deeme. Maariyaamiin biyya Magidala'aatii fi Maariyaamiin lammaffaan achi kolba awwaalaa afoo taa'anii turan. Ganama guyyaa qophi'iitiin maayessa bulchoonni gadootaatii fi Fariisoonni Philaaxoosiin biratti wolgayaniit, «Gooftaa'a, dogoggorsaan sun uduu lubbu'uun jiru, ‹Guyyaa sadihiin maayessa hin ka'a› akka jedhe qaabanne. Eegasuu darasoonni dhufanii halkan hatanii, gumi'iin, ‹Inni du'aa ka'e› akka hin jenne; dogoggorri maayessaa ka duraa caalaa hamaa waan ta'uuf awwaala haga guyyaa sadihii jabaatanii akka eegan ajaji jedhaniin Philaaxoosillee, «Worra eegu hin qabdanii dhaqa'aatii akka beettanitti eessisaa'a» isaaniin jedhe. Isaanillee deemanii worra eegan woliin dhaqanii dhagaa awwaalaa irratti chaappeessanii eessisan. Haga Sambanni diqqaan lufeen maayessa guyyaa Sambata gudda'aa barii, Maariyaamiin biyya Magidalaatii fi Maariyaamiin lammaaffa'aa awwaala laalu'uuf dhaqan. Maleekkaan Goofta'aa waan sami'ii bu'eef lafti guddiftee sochoote. Innillee dhufee dhagaa awwaala irraa garagalchee irra taa'e. Bifti Maleekka'aa akka bakakka'aa, uffanni isaallee akka barada'aa adi'i. Worri awwaala eegu Maleekkaa Goofta'aa waan sodaataniif raafamanii akka waan du'anii ta'an. Maleekkanillee dubartootaan akkana jedhe, «Hin sodaatinaa'a; isin Yesuusii fannifame akka soqa'aartan hin beeka. Inni as hin jiru, akkuma dubbate ka'eera. Hulee reeffa isaa kaayan kootta'aa laalaa'a. Daddafa'aa deema'aatii inni worra du'an keessaa ka'eera gara Galiila'aa isin firrisa, achitti hin argitan jedha'aatii darasoota isaatitti himaa'a. Kunoo ani isinitti himeera» jedhe. Soda'aa fi gammachuu gudda'aan ariifatanii awwaala biraa deemanii, darasoota isaatitti himu'uuf fiigan. Dimmaa Yesuusillee isaan argee, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin jedhe. Isaanillee isatti dhiyaatanii luka isaa qabatanii sagadaniif. Hennaa san Yesuus, «Hin sodaatinaa'a; gara Galiila'aa akka dhaqan obboleeyyan tiyyatti dhaqa'aa himaa'a; isaan achitti na arganii» isaaniin jedhe. Dubartoonni uduu karaa irra jiran, worra awwaala eegan keessaa gariin gara qacha'aa dhufanii, waan ta'e maraa bulchoota gadootaatitti odeessan. Bulchoonni gadootaa manguddoota woliin wolgayanii mari'atanii, birrii hedduu loltootaa kennanii, «Isin, ‹Darasoonni isaa uduu nu rafaa'arru halkan dhufanii reeffa isaa hatanii deeman› jedha'aa gumi'itti himaa'a. Bulchaan biyyaa yoo dubbii kana dhagaye, nu itti himnee, akka isin hin rakkannellee hin goona» isaaniin jedhan. Isaanillee birrii fudhatanii akkuma isaan jedhan godhan. Dubbiin kun haga guyyaa adhaa Yihuudota eddu'utti odeeffama. Darasoonni kudha tokkoo gara gaara Yesuus isaanitti akeekee, ka Galiilaa keessa jiruu dhaqan. Isaan hennaa isa argan, isaaf sagadan; worri gariin ammoo hin maman. Yesuusillee gara isaanii dhufee, «Baalliin maruu ardi'ii fi sami'ittillee naa kennameera. Kanaaf gara gosa biyya adda addaa deema'aatii maqaa Abba'aa, maqaa Ilmaatii fi maqaa Ayyaana Woyyu'uutiin isaan cuupha'aa, darasoota tiyya taasisaa'a. Waan ani isin seere maraa akka eegan barsiisaa'a. Ani hennaa maraa haga dhuma biyya lafaa isin woliin jira» isaaniin jedhe. Jalqabni Oduu Nagayaa Ilma Rabbii ka Yesuus Kiristoosii kana. Kitaaba raatticha Isaayyaasii keessatti, «Ani ergamaa kiyya ka karaa sii qopheessu si afo'otti erga. Lafa udume'ee keessatti, ‹Karaa Goofta'aallee qopheessaa'a. Daandii inni irra deemullee qajeelchaa jedha'aa laagaa namicha iyyu tokkoo› » jedhamee akkuma barreeffame. Yohaannisiin cuuphaan lafa udume'ee keessatti, «Aagii gala'aatii cuuphamaa'a! Rabbillee cubbuu keessan isinii dhiisa» jedha'aa lallaba'aa dhufe. Baniin biyya Yihuuda'aatii fi qachaa Yeruusaaleemii maruu gara isaa dhufa'aa turan. Cubbuu ufiillee himata'aa laga Yoordaanoosiititti harka isaatiin Cuuphama'aa turan. Yohaannis, uffata rifeensa gaalaa irraa hojjatame uffatee, mudhii ufii teephaan hidhatee, Awwaannisaa fi damma gammoojji'ii nyaata'aa ture. Innillee akkana jedhee lallabe. Ka ana caalaa hunna qabu, ka miseensa kophee isaa gad jedhee hiikuun naan hin malle tokko na duubaan dhufa'aara. Ani bisaaniin isin cuupha. Inni ammoo Ayyaana Woyyu'uun isin cuupha jedha'aa lallabe. Hennaa san, Yesuus biyya Galiila'aatii gara qachaa Naazireetii dhufee harka Yohaannisiitiin laga Yordaanosiititti cuuphame. Akkuma Inni bisaan keessaa bayeen samiin banamtee, Ayyaanni handarii fakkaatee yoo irratti bu'u arge. Samii irraa laagaan, «Ilmi jaaladhu si'i, An sitti gammada» jedhu dhufe. Yoma san Ayyaanni gara lafa udume'ee isa baase. Lafa udume'eetitti guyyaa afurtamaaf seexanaan ataabama'aa ture. Achitti bineensota jidduu ture. Maleekkonnillee hin tajaajilaniin. Uduu galaana Gaaliila'aa bira lufa'aaru Simo'onii fi obboleessi isaa Indiriyaas siiboo isaanii gara galaanaa hennaa darban arge. Isaan worra qurxummii qaba'aa turan. Yesuusillee, ‹ «Na faanaa koottaa worra nama wolitti qabu akka taatan isin taasisa» isaaniin jedhe. Yoosuu siiboo isaanii dhiisanii isa faanaa deeman. Akkuma diqqoo achi siiqeen, ilmaan Zabdiwoosii Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannisiin yabala irratti uduu isaan siiboo midhaaffatan argee, Yoma san isaan waame. Isaanillee abbaa isaanii Zabdiyoosiin, hojjattoota woliin yabala irratti dhiisanii isa faanaa deeman. Gara qachaa Qifirnaahomii dhaqanii, guyyaan Sambataa hennaa gaye, Yesuus gara mana sagada Yihuudotaa seenee barsiise. Inni akka barsiisota seeraa uduu hin taane akka nama baallii qabuutitti waan barsiisa'aa tureef, namoonni barumsa isaa maalalfatan. Hennaa sanillee Mana sagada Yihuudotaa keessatti nama ayyaanni battiin dhayeeru tokkotu ture. Innillee, «Yesuusii Naazireetii si woliin maal qabna? Nu balleessu'uuf dhuftee? Eennuun akka taate si beeka, ati Woyyicha Rabbiiti» jedhee iyye. Yesuusillee, «Cadhisi! Isa keessaa bayi» jedhee teedeffate. Ayyaanni battiin dhidhiitachiisee laagaa gudda'aan iyyee isa keessaa baye. Martinuu, «Kun maali'ii? Baalli'iin ayyaanota battii ajaja; isaanillee hin ajajamaniif. Barumsi haarofni kun maali'i?» jedha'aa baaseffatanii wol gaggaafatan. Gurri isaallee yoosuu biyya Galiila'aa maraa keessatti dhagayame. Yomasan Mana sagada Yihuudotaatii bayee, Yaaqoobii fi Yohaannisiin woliin gara mana Simoonii fi Indiriyaasii seene. Soddaatiin Simooniillee dhibee haxaxxe'eetiin dhibamtee ciiftee turte. Yoosuu waan isi'ii itti himan. Itti dhiyaatee harka isi'ii qabee ol kaaseen, haxaxxeenillee bakkumatti dhiiseen. Ol kaateellee isaan keessummeessite. Hennaa aduun dhiite worra dhibamanii fi worra jinniin keessa jiru maraa gara isaa fidan. Namoonni qachaa sanii maruu balbala afo'otti wol gayan. Worra dhibee adda addaatiin qabaman heddu fayyisee; jinnii hedduullee baase. Jinnoonnillee Kiristoosiin akka ta'e beekanii waan turaniif akka dubbatan isaan hin hoffolchine. Yesuus ganama barii dimimmisaan ka'ee, bayee gara lafa udume'ee dhaqee, achitti faateffate. Simoonii fi worri isa woliin jiran isa soqa'aa isa faanaa deeman. Hennaa isa argan, «Maruu si soqa'aaran» jedhaniin. Inni ammoo, «Ka'aa gara ganda dhiyoo jiranii haa deemnu, An achittillee hin lallaba; wonti ani dhufeef kana» isaaniin jedhe. Mana sagada Yihuudotaatitti lallaba'aa, jinniillee baasa'aa biyya Galiila'aa keessa deeddeme. Namichi dhibee gogaa kukkutuun qabame tokko gara isaa dhufee jilbiinfatee, «Yoo fedha kee ta'e na fayyisuu dandeetta» jedhee kadhateen. Yesuusillee gaddeefiit, «Harka ufii hiixatee qaqqabeeniiti hin fedhaa fayyi» jedheen. Akkuma inni dubbateen, dhibeen sun isa dhiise, namichillee hin fayye. Inni ammoo akkuma arge dubbata'aa, oduu biyya maraan gaye. Kanaaf Yesuus achiin maayessa hulee udumee namni hin jirre ture malee, gara qacha'aa seenuu hin dandeenne. Namoonni bakka adda addaatii gara isaa dhufa'aa turan. Guyyaa haggo'oon maayii Yesuus gara Qifirnaahoomii dhufee akka mana jiru dhagayame. Afoon balbala manaa haga isaanitti dhiphatutti namoonni hedduu wolitti qabamanii dubbii Rabbiillee isaanitti lallabe. Namoonni afurii nama laamshayeeru tokko baadhatanii gara isaa fidan. Sababaa namni baay'ateef, gara isaa dhiyeessuu waan dadhabaniif, kolba Yesuus jiruun ginnoo manaa saaqanii siree namichi laamshayaan irra ciiseeru woliin gad buusan. Yesuusillee amantii isaanii argee, namicha laamshayaa saniin, «Ilma kiyya, cubbuun kee martinuu sii dhiifameera» jedheen. Barsiisota Seera Muuse'ee keessaa gari gariin achi taa'anii turan. Isaan garaa ufii keessatti, «Namichi kun attamitti akkana dubbata? Kun Rabbiin arrabsu'u! Rabbii tokkocha malee, cubbuu namaa dhiisuu eentu danda'a?» jedhanii yaadan. Yesuus, yoma san garaa isaanii keessatti akkana akka yaadan cora'aan beekee, akkana isaaniin jedhe, «Garaa keessan keessatti maaf akkana yaaddan? Namicha Laamshayaa saniin, ‹Cubbuun kee sii dhiifameera› jecho'o moo yookiin, ‹Ka'ii siree tantee baadhadhuu deemi› jechu'utu irra salphata? Haata'uu ammoo, Ani Ilmi Namaa ardii irratti dhiifamsa cubbuu godhu'uuf baallii akka qabu akka beettan» jedhee, namicha laamshaya'aanillee, «Ani siin jedha, siree kee baadhadhuutii gara mana keetii deemi» jedheen. Uduma isaan argan namichi ka'ee siree ufii baadhatee bayee deeme. Kanaafuu namoonni martinuu maalalanii, «Waan akkanaa kana horoma arginee hin beennu» jedhanii Rabbiin jajan. Akkasuma ammallee Yesuus gara qarqara galaanaa gadi bu'e; hennaa san namoonni hedduun gara isaa dhufan, innillee isaan barsiise. Inni uduu karaa san lufa'aaru, Leewwiin ilmi Alfiyoosii hulee qaraxa itti qaraxu ka taa'eeru argee, «Na faana koottu» jedheen. Innillee ka'ee isa faanaa deeme. Namoonni Yesuusiin faana deeman heddu waan turaniif, hennaa inni mana Leewwi'iititti hurbaata nyaata'aaru worri qaraxa guuranii fi cubbamoonni hedduu isaa fi darasoota isaa woliin nyaata'aa turan. Barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonni hennaa inni worra qaraxa guuruu fi cubbamtoota woliin nyaatu arganii, barattoota isaatiin, «Inni maaf worra qaraxa guuruu fi cubbamtoota woliin nyaata'aa dhuga?» jedhan. Yesuusillee waan isaan jedhan dhagayee, «Dhukkubsattootaaf malee, fayyaaleyyi'iif ogeessi fayya'aa hin barbaachisu. Ani cubbamtoota malee, qajeellota waamu'uuf hin dhufne» isaaniin jedhe. Darasoonni Yohaannisiitii fi Fariisonni waan soomaniif, namoonni gari gariin gara Yesuusii dhufanii, «Darasoonni Yohaannisiitii fi Fariisonnii hin sooman, darasoonni tee ammoo maaf hin soomne?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee, «Idaayyichi isaan woliin uduu jiru worri jaalaa soomuu hin danda'aniiree? Idaayyichi uduu isaan woliin jiru jaaloonni soomuu hin danda'an. Haata'uu ammoo, hennaan idaayyichi isaan biraa fudhatamu hin dhufa, isaan hennaa san sooman. Namni uffata moofaa irratti uffata haarawa kutee dhaabee hodhu hin jiru; yoo itti dhaabee hodhe ammo uffanni haarofni sun uffata moofaa hin kukkuta; tarsa'iinsi isaallee ka qaraa caala. Qalqala moofa'atti daadhii woyini'ii haarawa ka naqu hin jiru; yoo naqe ammoo daadhiin woyini'ii qalqala san hin dhoosa; daadhiinillee jigee bada; qalqallillee hin dhooya. Daadhiin woyini'ii haarofni ammoo qalqala haarawatti naqama» jedhe. Guyyaa Sambata Diqqa'aa tokko Yesuus maasaa keessa uduu lufa'aaru, darasoonni isaa isa woliin deema'aa asheeta kukkutatuu jalqaban. Fariisoonnillee guyyaa Sambata Diqqa'aa «Waan Seeraan dhooggame maaf godhan?» jedhaniin. Achiin maayesa Yesuus. «Sambatatu namaaf uumame malee, namni Sambataaf hin uumamne. Maarre, Ani Ilmi Namaa Sambataafillee Goofta'a» isaaniin jedhe. Yesuus hennaa biraa gara mana sagada Yihuudotaa seene; namichi harki isaa naafate tokko achi ture. Namoonni Yesuusiin himachuu barbaadanii guyyaa Sambata diqqa'aatiin akka inni isa fayyisu gaadanillee achi turan. Yesuus namicha harki isaa naafate saniin, «Ol ka'ii afoo nama maraatitti dhaabadhu» jedheen. Achiin maayii inni isaaniin, «Guyyaa Sambataatiin waan mishaa godhu'u moo waan badaa godhutu Seeraan kennameera? Lubbuu fayyisu'u moo ajjeessu'u?» jedhe. Isaan ammoo hin cadhisan. Innillee gar-jabeenna isaaniititti akka malee gaddee, aari'iin garagalee isaan laalee, namicha naafata'aan, «Harka kee diriirsi» jedheen. Namichillee harka ufii diriirse; harki isaallee hin fayye. Achiin maayii Fariisonni gad bayanii yomasan attamitti akka isa ajjeesan miiltota Heroodiisii woliin mari'atan. Yesuus darasoota woliin gara Galaanaa siiqe. Worri Galiila'aa dhufan namoonni hedduun isa faanaa deeman; Namoonni hedduun waan guddaa Inni godhe dhagayanii biyya Yihuuda'aa, qachaa Yerusaaleemi, biyya Eeloomiyoosii, biyya laga Yordaanoosiin gamaatii fi naannoo qachoota Xiroosii fi Siidoonaa irraa gara isaa dhufan. Inni waan namoonni guddisanii baayi'ataniif dhiibamee akka hin kufne yabala akka isaa qopheessan darasoota ajaje. Namoota heddu waan fayyiseef, worri rakkoo qaban martinuu harkaan isa qabu'uuf gara isaa wol dhidhiiban. Ayyaanonni battiin hennaa isa argan maraa afoo isaatitti kufanii, «Ati Ilma Rabbiiti» jedha'aa iyyan. Yesuus ayyaanonni battiin sun Inni eennuun akka ta'e akka isa hin himneef jabeessee isaan ajaje. Yesuus gara gaaraa bayee worra barbaade gara ufii waame. Isaanillee gara isaa dhaqan. Isaanillee isa woliin akka jiraatanii fi lallabaaf akka ergaman, worra dhibaman akka fayyisanii fi jinniillee akka baasan baallii akka qabaatan namoota kudha lama filatee, «Ergamtoota» jedhee moggaase. Simooniinillee, «Pheexroos» jedhee maqaa moggaase. Ilmaan Zebdiwoosiillee Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannisiin, «Bo'anergees» jedhee moggaase; akkas jechuun, «Ilmaan gigissa'aa» jechu'u. Indiriyaasi, Filiphoosi, Bartelemewos Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Ilfiyoosii, Taadewoos, Simoonii hinaaftichaa fi Yihuudaa nama qachaa keeriyootii, ka Yesuusiin dabarsee kenne. Achiin maayessa gara manaa hennaa dhufan, baniin hedduu waan wolitti qabamaniiraniif, Inninii fi darasoonni isaa hurbaata nyaachuu dadhaban. Namoonni, «Inni maraateera» waan jedhaniif, firtoonni isaa kana dhagayanii isa qabu'uuf dhufan. Barsiisonni Seera Muuse'ee worri Yeruusaaleemii dhufan ammoo, «Bi'el Zebul isa keessa jira! Inni hunna mootii jinnootaatiin jinnii baasa» Yesuusiin jedhan. Isaanillee gara ufii waamee, fakkeennaan akkana isaaniin jedhe, «Seexanni seexana baasuu attamitti danda'aa? Mootummaan tokko yoo ufii wol qoqqoode mootummaan sun dhaabachuu hin danda'u. Maatiin mana tokko keessatti yoo ufii wol qoqqoode maatiin sun dhaabachuu hin danda'u. Seexanni ufii wol mormee yoo gargar baye, sun badii isaa ta'a malee, dhaabachuu hin danda'u. Eennullee duraan dursee nama jabaa uduu hin hiine, mana nama jabaa sanii seenee mi'a isaa saamuu hin danda'u; Yoo hidheen maayii mana isaa san seenee saamuu danda'a. «Ani dhuga'aan isiniin jedha, cubbuun marti, nama arrabsuunillee dhiifamsa qaba. Nama Ayyaana Woyyuu arrabsu kamiifuu ammoo, gatii cubbuu bara baraa itti ta'a malee, sirima dhiifamsa hin argatu» Yesuus sababa namoonni, «Inni ayyaana hamaa qaba» jedhaniif kana isaaniin jedhe. Achiin maayessa haati Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa dhufanii diida dhaabatanii nama gara isaa erganii waamsisaniin. Gumiin isa marsitee teetteertu Yesuusiin, «Kunoo, haati teetii fi obboleeyyan tantee si soqaa dhufanii diida dhaabataniiran» jedhaniin. Inni deebisee, «Haati tiyya eennu? Obboleeyyan tiyya eennu fa'a?» isaaniin jedhe. Inni gara worra isa marsanii taa'aniiranii midhatee, «Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyyallee kunooti. Namni fedhii Rabbii raawwatu maruu obboleessa kiyya, obboleettii tiyyaa fi haadha tiyya» jedhe. Yesuus ammallee galaana Galiila'aa biratti barsiisuu jalqabe. Namoonni hedduu isa biratti waan wolitti qabamaniif inni yabala gubbaa bayee galaana irra ta'e. Baniin maruu qarqara galaanaa lafa irra turan. Inni waan hedduu mammaakaan barsiisa'aa ture. Hennaa barsiisullee akkana isaaniin jedhe: «Dhagayaa'a! Namichi tokko sanyii facaasu'uuf baye. Hennaa faacaasullee tokko tokko daangaa kara'aa irratti bu'ee simbirroonni dhufanii nyaatan. Ka biraallee lafa biyyee guddaa hin qabne ka jalli isaa dhaka'aa irra bu'e; biyyeen gadi fageenna waan hin qabneef yoma san mute. Hennaa aduun baate ammoo hin qoore, hiddalle waan hin godhanneef goge. Ka biraallee qoree eddu'utti bu'ee sanyii hin godhanne. Ka biraa ammoo lafa mishaa irratti bu'ee mutee guddatee, sanyii kenne. Gariin soddoma, gariin jahaatama, gariinillee sanyii dhibba kenne.» Achiin maayessa Yesuus, «Ka gurra dhagayu qabu, haa dhagayuu» jedhe. Hennaa Yesuus hojja jirutti worri hulee sanii darasoonni kudha lamaa waan mammaaka kanaa isa gaafatan. Achiin maayessa Yesuus akkana isaaniin jedhe: «Mammaaka kana hin hubannee? Eegasuu attamitti mammaaka biraa beettan ree? Namichi facaasu dubbii Rabbii facaasa. Sanyiin karaa irratti harca'e, mammaaka worra akkuma dubbii Rabbii dhagayaniin Seexanni dubbii dhagayan san isaan keessaa fudhatuuti. Sanyiin lafa dhagaa irratti harca'e, mammaaka worra dubbii Rabbii akkuma dhagayaniin gammachu'uun fudhatanii ti. Isaan ammoo hidda gad fagaatu waan hin qabneef, hennaa diqqo'oof dhaabatan; maayii sababa dubbii Rabbiitiif rakkinninii fi miidhaan yoo dhufe yoosuu gufatan. Sanyiin qoree keessatti bu'e mammaaka worra dubbii Rabbii dhagayaniiti; haa ta'uu ammoo yaaddawu'uun jireenna adunyaa tanaa, durumma'aan sobamu'uu fi halchi waan adda addaa itti seentee, dubbii Rabbii huutee uduu sanyii hin godhanne hafan. Sanyiin lafa mishaa irratti bu'e ammoo, mammaaka worra dubbii Rabbii dhagayanii fudhatanii, gariin sanyii soddoma, gariin sanyii jahaatama, gariinillee sanyii dhibba godhatan» jedhe. Yesuus akkana isaaniin jedhe: «Ibsaa fidanii gombisaa yookiin siree jala hin kaayanii ree? Kololee irra kaayanii mii? Wonti dhokate mudhatuun, wonti golgame ifatti bawuun isaa hin hafu. Ka gurra dhagayu qabu yoo jiraate haa dhagayuu.» Yesuus akkana isaaniin jedhe: «Waan dhageettan qalbifadhaa'a! Bikkituu isin itti bikkitanitti isiniif bikkama; ka san caalutu isinii eda'ama. Ka qabuuf eda'amee kennamaaf, ka hin qabneef ammoo ta qabu sunuu irraa fudhatamti.» Yesuus ammallee akkana jedhe: «Jeennanni Rabbii nama maasa'atti sanyii facaasu fakkaatti. Namichi halkan hin rafa, guyyaa hin ka'a; inni attam akka ta'e uduu hin beenne sanyiin mutee guddata. Ardii sanyiin ufumaan mutee akka guddatu gooti. Dura mutee hudha, itti aansee hin daraara, achiin maayii tumee gaya. Hennaa sanyiin gayee goge, haamaan waan gayeef yoosuu worri haamu haamaa jalqaba.» Yesuus akkana jedhe: «Jeennata Rabbii maali'iin wol fakkeessina? Yookiin mammaaka attamiitiin himna? Isiin akka sanyii Sanaaficaati. Isiinillee hennaa lafatti facaasan sanyii lafa irra jiru maraa irra diqqo'o. Hennaa facaafamte muttee guddatti; biqiltuu maraa ta caaltu taati; dameewwan gugurdaa baafatti. Simbirroonnille dhufanii gaaddisa damee isi'ii jalatti maandhee ijaaratan.» jedhe. Yesuus mammaaka hedduu ka kanniin fakkaatuun haga hubannaa isaaniititti dubbii isaanitti hima'aa ture. Inni waa maraa mammaakaan isaanitti hime. Hennaa darasoota ufii woliin hojja jiran ammoo, inni waa maraa isaanii ibsa'aa ture. Gaafas hennaa aduun dhiite Yesuus, «Beenaa, galaana gama ceenaa» isaaniin jedhe. Darasoonni isaa Banii achitti dhiisanii akkuma Yesuus durumaan yabala keessa taa'eeruun isa fuudhanii deeman. Yaballan biraallee isa woliin turan. Bubbeen jabaan bubbisee dambaliin bisaanii haga yabala guututti itti seena'aa ture. Innillee yabala san keessaa gara duubaatiin boraatii boraafatee rafee ture. Darasoonni isaa isa dammassanii, «Barsiisaa'a! Baduun keenna garaa si hin nyaatuu?» jedhaniin. Innillee dammaqee bubbee san teedeffate; dambali'iinillee, «Cadhisi! Hin socho'in!» jedhe; bubbeenillee hin cadhise, hin sokossinelle'e. Achiin maayii darasoota ufiitiin, «Maaf akkana sodaattan? Haga ammaallee amantii hin qabdanii» isaaniin jedhe. Guddisanii waan sodaataniif, «Ka bubbeenii fi dambaliin ajajamuuf kun eennu inni?» woliin jedhan. Yesuusii fi darasoonni isaa gara galaana gama gara biyya Gergessooni dhaqan. Hennaa Yesuus yabala keessaa baye, namichi ayyaanni battiin dhayeeru tokko awwaallan jiddu'uu bayee gara isaa dhufe. Namichi kunillee bakka awwaalaa jiraata'aa ture; eennulle sansalaataan isa hidhuu hin dandeenne. Hennaa hedduu sansalaataa fi gaadii sibiilaatiin hidhama'aa ture. Haata'uu ammoo sansalaata ufirraa kukkuta'aa, gaadii sibiilaallee caccabsa'aa ture. Namni danda'ee isa gad qabu tokkolle hin jiru. Hennaa maraa halkanii fi guyyaa awwaallan jiddu'uu fi gaarran irra naannaya'aa iyya'aa, nafa ufiillee dhaka'aan duguuga'aa ture. Inni hennaa Yesuusiin fago'otti arge gara isaa fiigee, jilbiiffatee sagadeefii, laagaa gudda'aan iyyee, «Yesuus, Ilma Rabbii Ol'aana'aa! Maal narraa qabda? ani Rabbiin si wogee na hin rakkisin» jedheen. Yesuus, «Ayyaana battii, nama kana keessaa bayi» waan isaan jedheeruuf. Yesuus, «Maqaan kee eennu?» jedhee isa gaafate. Inni, «Nu heddu waan taaneef maqaan kiyya duula» jedhee isaa deebise. Biyya san keessaa akka isaan hin baafneef inni jabeessee isa kadhate. Ededa gaara achi jiruu irra gobbuun booyye'ee heddu bobbayanii waan turaniif, «Gara booyyotaa akka gallu nu ergi» jedhanii kadhatan. Yesuusillee, «Maarre» isaaniin jedhe. Ayyaanonni battiin sunniinillee namicha keessaa bayanii gara booyyotaa galan. Gobbuun booyye'ee ka haga kuma lamaa gayan, afaan qilee irraa gara galaanaa gadi gugatanii liqimfaman. Jarri tisse'eellee dheessanii, waan ta'e san qacha'aa fi baadiyyaa keessatti odeessan. Namoonnillee, waan ta'e san laalu'uuf dhufan. Hennaa Yesuusiin bira gayan, namichi duula jinni'iitiin dhayamee ture sun, uffata uffatee, qalbiinillee deebiteefii ka taa'eeru arganii sodaatan. Namoonni isa argan sun, waan namichi jinniin dhaye sun ta'ee fi waan booyyotaa bani'itti odeessan. Achiin maayii akka Yesuus biyya isaanii dhiisee deemu Isa kadhatan. Hennaa Yeuus achii deemu'uuf yabala yaabbata'aaru namichi jinniin dhaye sun, «Ani si woliin deema» jedhee isa kadhate. Yesuus ammoo didee, «Gara mana keetii deebi'ii galii, waan guddaa attamii akka Gooftaan sii godhee fi attamitti akka inni siif garaa nyaattaye worra keetitti himi!» jedheen. Namichillee deemee, waan guddaa attamii akka Yesuus isaa godhe biyya qachoota kudhan jedhamu maratti odeesse. Baniin dhagaye maruu hin maalalfate. Yesuus galaana gama yabalaan haga ceeyeen maayii namoonni heddu wolgayanii gara isaa dhufan. Innillee qarqara galaanaa ture. Iyaayiroosi namni jedhamu itti gaafatamaan Mana sagada Yihuudotaa tokko dhufee, hennaa Yesuusiin arge luka isaa jalatti kufee, «Mucattiin tiyya diqqoon dhibamtee afaan du'aa jala waan jirtuuf, akka fayyitee lubbu'uun jiraattu, koottuu harka kee isii irra kaayi» jedhee jabeessee kadhate. Achiin maayii Yesuus isa woliin deeme; namoonni hedduullee isa faanaa deemanii gara maraan isa hucuucan. Dubartiin dhiinni isi'ii woggaa kudha lamaaf jigu'uun rakkattu takka achi turte. Isiin ogeeyyii qorichaa biratti yaalama'aa birrii ufii fixattullee, dhibeen itti jabaate malee, womaa isi'ii hin cabne. Isiin hennaa gurra Yesuusii dhageette, isa duubaan gumii jiddu'uun dhuftee uffata isaa tuxxe. Isiin, «Ani uffata isaa yoo tuqe hin fayya» jettee garaa ufiititti yaaddee turte. Yomasan dhiinni isi'ii jiguu dhiisee, isiinillee dhibee ufii irraa akka fayyite ufirratti beette. Yesuusillee yoosuu hunniti fayyumsaa isa irraa akka baye beekee, gumii jiddu'utti ufirra garagalee, «Uffata kiyya eentu tuqe?» jedhe. Barattoonnillee, «Uduu akka gumiin si dhidhiiba'aaru argitu, ‹Eentu na tuqe?› jettee gaafattaa?» jedhaniin. Yesuus ammoo nama isa tuqe argu'uuf ufirra garagalee laale. Dubartittiin ammoo waan isi'ii godhame beettee sodaata'aa, hollata'aa, dhuftee luka isaa jalatti kuftee, dhugaa maraa itti himte. Innillee, «Intala tiyya, amantaan kee si fayyiseera; nagayaan deem; dhibee kee irraallee fayyi» isi'iin jedhe. Innillee uduma dubbata'aaru namoonni tokko tokko mana Iyaayiroosii bulchaa Mana sagada Yihuudotaatii dhufanii, «Intalti tee duuteertii, maaf barsiisaa dadhabsiifta?» jedhaniin. Yesuus ammoo waan isaan jedhan san nafaan didee, bulchaa Mana sagada Yihuudotaatiin, «Amani malee, hin sodaatin!» jedheen. Yesuus: Pheexroosiin, Yaaqoobii fi obboleessa Yaaqoobii Yohaannisii achi, eennullee akka isa faanaa deemu hin barbaanne. Hennaa mana bulcha'aa san bira gayan, Yesuus namoonni iyya'aa, woca'aa, uduu booyan arge. Inni mana seenee, «Maaf woca'aa boottan? Mucattiin hin rafteerti malee, hin duune» isaaniin jedhe. Isaan ammoo itti kolfan. Achiin maayii inni isaan maraa manaa baasee, abba'aa fi haadha mucatti'ii, darasoota isa woliin jiranillee qabatee gara gola reeffi mucatti'ii jiru san seene. Harka mucati'iillee qabee, «Xaliitaa quumii!» jedheen. Hiikkaanillee, «Mucattii diqqoo'o! Ol ka'i!» jechu'u. Mucattiinnillee yoosuu kaatee dhaabattee deddeemte. Isiin nama woggaa kudha lamaati. Waan ta'e san guddisanii maalalfatan. Yesuus waan ta'e kana eennuttillee akka hin himne jabeessee isaan seere; waan nyaattullee akka isi'ii kennan itti hime. Yesuus achiillee bayee gara qachaa ufii dhaqe; darasoonnillee isa faanaa deeman. Guyyaa Sambata Diqqa'aa Inni Mana sagada Yihuudotaatitti barsiisuu jalqabe. Worri isa dhagayan heddu isaanii maalalfatanii, «Namni kun waan kanniin eessaa argate? Ogummaa attamiititu isaa kennameera? Baasa akkanaa kanniin attamitti huja? Inni ogeessa muka bocu, ilma Maariyaamiitii mii? Ilmaan haadhaallee Yaaqoob, Yooseef, Yihuuda'aa fi Simoon fa'aa mii? intallan haadhaallee as nu bira jiranii mii?» jedhanii tuffatanii isa didan. Yesuusillee, «Raanni tokko biyya biraatitti malee, biyya ufii, fira ufiitii fi mana ufiititti hin kabajjamu» isaaniin jedhe. Inni achitti dhukkubsattoota hagoo irra harka ufii kaayee fayyise malee, baasa biraa achitti hujuu hin dandeenne. Amantaa dhabuu isaaniitiinillee guddisee maalale. Yesuus gandoota biraatii gara ganda biraa naannaya'aa barsiisa'aa ture. Achiin maayii inni darasoota kudha lamman gara ufii waamee, ayyaannan battii irratti baallii kenneefii, lama lama godhee isaan erge. Imala keessaniif ulee malee, xoroshoo fi korojoo akka hin qabanne, birriillee sabbatatti akka hin guduunfanne isaan ajaje. «Luka teessanitti kophee godhadhaa'a, uffata uffattan malee ka biraa hin qabatinaa'a. Hulee kamittuu gara manaa yoo seentan haga achii baatanitti achuma taa'aa'a. Bakka isin hin simannee fi hin dhageeffanne maratti achii yoo baatan ragaa akka isaanitti ta'u daaraa luka keessanii dhadhayadhaa'a; dhugamaan isiniin jedha guyyaa gaafa murti'ii qachatti tana caalaa biyya Soodomiitii fi Gamoora'aa hin salphata.» isaaniin jedhe. Isaanillee bayanii akka baniin aagii galan lallaban. Jinnii hedduu baasanii dhukkubsattoota hedduullee Zayitii itti diba'aa fayyisan. Gurri Yesuusii waan dhagayameeruuf, mootichi Heroodis waan kana dhagaye. «Yohaannisii cuupha'atu du'aa ka'eera; kanaafuu baafni kun isaan hojjatama'aara» jedhe. Worri kuuwwan, «Inni Eeliyaasi» jedhan; kuuwwan ammoo, «Inni raattota durii keessaa tokko» jedhan. Heroodis hennaa waan kana dhagaye, «Kun Yohaannisii ani morma isaa mursiisetu du'aa ka'e» jedhe. Heroodis haadha manaa obboleessa ufii ta Filiphoosii Heroodiyaadaa fuudhee ture; inni isi'iif jedhee itti ergee Yohaannisiin qabsiisee mana hidha'aatitti hiisise. Sababaanillee waan Yohaannis Heroodisiin, «Haadha manaa obboleessa keetii fuudhuun seeraa miti» jedha'aanii tureef. Herodiyaadaan ammoo Yohaannisitti gadoo qabattee isa ajjeesu'uuf barbaadde. Haata'uu ammoo isi'iif hin danda'amne. Sababaanillee Heroodis Yohaannis nama qajeela'aa fi Woyyuu akka ta'e beekee sodaatee eessisa'aa ture. Heroodiis hennaa dubbii Yohaannisii dhagaye akka malee yaaddaye. Ta'ullee gammachu'uun isa jalaa dhagaya'aa ture. Heroodis guyyaa qaabachuu dhalatuu ufii kabajju'uuf, hoggantoota, ajajoota loltuu kumaatii fi bulchoota Galiila'aatii hennaa nyaata qopheesse, Herodiyaadaan karaa argatte. Mucattiin Herodiyaada'aa hennaa ol seentee sirbite, Heroodisii fi worra isa woliin taa'an maraa gammachiifte. Mootiinillee mucatti'iin, «Woma barbaadde maraa na kadhadhu sii kennaa» jedheen. «Wodhakkaa mootummaa kiyyaallee yoo ta'e woma feete maraa na kadhadhu sii kennaa» jedhee kakate. Mucattiinille baateeti haadhaan, «Maal kadhadhu?» jette; isiinillee, «Mataa Yohaannisii cuupha'aa kadhadhu» jetteen. Yoma san daddaftee gara mooti'ii seentee, «Mataa Yohaannisii cuupha'aa amma qori'itti akka naa kennitu barbaada» jettee kadhatte. Mootiinillee guddisee gadde; haa ta'uu ammoo sababa keessummoota afo'otti isi'ii kakateef, waan isiin jette dhooggatuu hin feene. Hennama san mootiin worra eegu keessaa loltuu tokko mana hidha'aatitti ergee, mataa Yohaannisii akka fidu ajaje. Innillee dhaqee morma isaa muree, mataa isaa qorii keessa kaayee fidee mucati'ii kenne. Mucattiinillee haadhatti kennite. Darasoonnillee dhagayanii dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaalan. Ergamoonnillee Yesuusiin biratti wolgayanii waan godhanii fi waan barsiisa'aa turan maraa himan. Innillee, «Hojjuma keessan gara lafa gammoojji'ii kootta'aatii diqqoo harabaafadhaa'a» jedheen. Isaanillee sababaa worri dhufanii fi worri deeman heddu ta'aniif nyaataafuu hennaa dhaban. Achii ka'anii Yabalaan hojja isaanii gara gammoojji'ii deeman. Namoonni hedduu hennaa isaan deeman arganii beekanniin; qachoota maraa keessaa bayanii lukaan fiiga'aa isaan firrisanii achi Isa biratti wolgayan. Yesuusillee hennaa yabala irraa bu'e banii hedduu argee, akka hoolota tissee hin qabnee waan jiraniif isaanii gaddee, waan hedduu isaan barsiisuu jalqabe. Hennaa aduun dhiite darasoonni gara isaa dhiyaatanii bakki gammoojji'ii, amma dhiyeeraa, «Waan nyaatan waan hin qabneef gara baadiyya'aa fi olloota naannoo jiranii deemanii waan nyaatan ufiif akka bitatan gad isaan dhiisi» jedhaniin. Inni ammoo deebisee, «Isiinuu waan nyaatan keenna'aafii» isaaniin jedhe. Isaan ammoo, «Deemnee dinaara dhibba lamaan xoroshoo binnee isaanii kenninaaree?» jedhaniin. Innillee, «Xoroshoo meeqa qabdan? Mee dhaqa'aa laalaa'a» jedheen. Isaanillee haga laalaniin maayii, «Xoroshoo shanii fi qurxummii lama» jedhaniin. Yesuus akka isaan namoota maraa tuuta tuutaan marga lalisaa irra teessisan ajaje. Isaanillee tuuta dhibba dhibbaa fi shantama shantama ta'anii tataa'an. Yesuusillee xoroshoo shanii fi qurxummii lamaan san fuudhee, gara sami'ii ol laalee galata galchee, xoroshoo san caccabsee akka isaan namootaa qoodan darasoota ufiititti kenne. Qurxummii lamaanillee maruma isaaniitiif qoode. Maruu nyaatanii quufan. Hambaa xorosho'ootii fi qurxummi'ii masoobii kudha lamaa guutuu kaasan. Worri xoroshoo san nyaatan dhiirti callaan kuma shan. Yoosuu uduu Yesuus banii geegessa'aaru darasoonni yabala keessa seenanii gara Beetasayida'aa firrisanii akka lufan isaan ajaje. Haga isaan ufirraa geegesseen maayii faateeffachu'uuf gara gaaraa ol baye. Hennaa aduun dhiite Yaballi sun galaana wodhakkaa uduu jirtu, inni hojja ufii lafa irra ture. Bubbeenillee gara isaanii bubbisa'aa waan tureef, shaffisa'aan dhayata'aa akka rakkata'aaran argee, iyya lukkuu lammaffa'aa galaana irra deema'aa gara isaanii dhufee isaan bira akka waan lufuu ta'e. Isaan ammoo uduu inni galaana irra deemu arganii, ekeraa isa seeyanii iyyan. Martinuu isa arganii bararraaqan. Inni, «Jabaadhaa'a! na'aa, hin sodaatinaa'a!» isaaniin jedhe. Innillee gara isaanii Yabalatti ol baye, bubbeenillee gab jedhe. Isaanillee guddisanii maalalan. Sababaanille qalbiin isaanii waan duudeeruuf isaan baasa xorosho'oo san hin hubanne. Yesuusii fi darasoonni isaa galaana gama yabalaan ceeyanii gara Gennesaarexiititti lafa gayan. Yabala sanillee achitti hidhan. Yabala keessaa hennaa bayan yoosuu akka inni Yesuusiin ta'e beekanii, biyya san maraa keessa asii fi achi fiiganii namoonni naannoo biyya sanii martinuu dhukkubsattoota wosaasa'aan baadhatanii, hulema Inni gaye jedhan maraa dhagaya'aa gara isaa fidan. Gandootatti, qachootatti yookiin baadiyya'atti hulee Yesuus dhaqe maratti bakka baada'aatitti dhukkubsattoota gara isaa fida'aa turan. Dhukkubsattoonnillee qaccee uffata isaa tuqu'uuf isa kadhatan. Worri isa tuqan maruu hin fayyan. Fariisonninii fi barsiisonni Seeraa worri Yeruusaalemii dhufan gari gariin Yesuusiin biratti wolgayan. Darasoota isaa keessaa gari gariin uduu hin dhiqanne harka xuri'iitiin xoroshoo uduu nyaatan arganii, Fariisonninii fi Yihuudonni maruu seera manguddootaa eegu'uuf harka ufii midhaasanii uduu hin dhiqatin hin nyaatan. Gabaya'aa yoo deebi'an uduu ufi hin qulqulleesin hin nyaatan. Aadaan isaan kabajjan ka biraallee heddutu jira; isaanillee kobbee, ottee, qorii waan akka sibiilaa irraa hojjatamee fi siree fa'a dhiqu'u. Kanaaf Fariisonninii fi barsiisonni Seeraa, «Darasoonni tantee akka aadaa manguddootaatitti jiraatuu dhiisaanii harka xuri'iitiin maaf hurbaata nyaatan?» jedhanii Yesuusiin gaafatan. Inni ammoo deebisee, «Bada fakkeessitoota, Isaayyaas waan keessan raagee, ‹Baniin kun afaaniin na kabajjan, garaan isaanii narraa fago'o. Aadaa namaa akka ajaja Rabbiititti barsiisa'aa, na kaddaamuun isaanii gatii hin qabu› ka jedhe dhuga'a. Isin ajaja Rabbii dhiiftanii xuwwe'ee fi ottee dhiqu'uun seera namaa eeddan. Kanaaf waan kana fakkaatu waan biraallee waan heddu gootan» isaaniin jedhe. Yesuusillee akkana isaaniin jedhe: «Aadaa teessan jabeessu'uuf jettanii ajaja Rabbii guddiftanii tuffattan. Muuseen, ‹Haadhaa fi abbaa kee kabajji!›, ‹Haadhaa fi abbaa ufii ka abaaru haa ajjeefamuu› jedhee ajajeera. Isin ammoo namni tokko haadhaa fi abbaa ufiitiin, ‹Wonti isinii kennuu na barbaachisu, Rabbiif kennameera› yoo jedhe, Achiin maayii haadhaa fi abbaa ufiitiif waan tokkollee akka godhu hin hoffolchitan. Aadaa teessan ta wolitti dabarsitan sanniiniif, dubbii Rabbii diiddan. Akkasuma kanniin ka fakkaatu waan heddu gootan. Akkasuma baniillee waamee, «Isin martinuu na dhageeffadhaa'a; qalbeeffadhalle'e. Wonti nama batteessu waan keessa namaatii bayu malee, ka diidaa gara gara'aa seenu tokkollee nama hin batteessu. [Ka gurra dhagayu qabu yoo jiraate haa dhagayuu]» isaaniin jedhe. Banii keessaa gara manaa hennaa seene darasoonni isaa waan mammaaka sanii isa gaafatan. Inni, «Isinillee kana maraa worra hin qalbeeffannee? diidaa gara afaanii ka seenu sirimaa akka nama hin batteessine hin argitanii? Gara gara'aa seenee gara diidaa baya malee, gara qalbi'ii hin seenu» isaaniin jedhe. Yesuus akkana jechu'uun nyaanni martinuu qulqulluu akka ta'e ibse. Yesuus itti aansee akkana jedhe: «Waan garaa namaa keessaa bayutu nama batteessa. Wonti garaa namaa keessaa bawu: Yaada hamaa, seebaruu, hanna, ajjeesuu, seebaruu, luqunuu, hammeenna, sobuu, hoossuu, hinaaffaa, maqaa balleessuu, uf jaju'uu fi ceem'uu fa'a. Hamtuun kun martuu keessa namaatii bayee nama batteessa.» Yesuus achii ka'ee gara biyya Xiroosiitii fi Siidoona'aa dhaqee gara mana tokkoo seene. Akka inni achi jiru eennullee akka beeku hin barbaanne; haa ta'uu ammoo dhokachuu hin dandeenne. Dubartiin takka ta mucattiin isi'ii ayyaana batti'iin qabamteertu, gurra Yesuusii dhageettee dhuftee, luka isaa jalatti jidde. Dubartittiin sun nama Giriikii ti; isiin biyya Sooriya'aa keessatti hulee Finiiqee jedhamtutti dhalatte. Isiin akka mucattii isi'ii keessaa jinnii baasuuf Yesuusiin kadhatte. Yesuus ammoo, «Mee dura ijoolleen nyaattee haa quuftuu; nyaata ijoolle'ee fuudhanii sariinii darbuun sirri'ii miti» jedheen. Isiinillee deebiftee, «Ee, Gooftaa'a, sariinillee waanuma qorii ijoolle'ee irraa harca'e nyaatanii mii!» jetteen. Innillee isi'iin, «Dubbima kee kanaafuu jinniin mucattii tee keessaa bayeera; gara mana keetii gali» jedheen. Isiin hennaa gara manaa deebitee galte, jinniin mucattii keessaa bayee, mucattiinillee ta siree irra ciifteertu argite. Achiin maayii Yesuus qachaa Xiroosiitii bayee, karaa Sidoona'aatiin lufee, biyya qachoota kudhanii jedhamtu keessa bayee gara galaana Galiila'aa dhaqe. Jarri tokko namicha gurra duuda'aa ka afaan wolhidhu gara Yesuusii fidanii, akka inni harka ufii isa irra kawuuf kadhatan. Yesuus namicha san gumii keessaa adda isa baasee, quba ufiillee gurra isaa keessa kaaye. Achiin maayii tufee arraba isaa tuqe. Gara sami'ii ol jedhee laalee, hafuura guddaa baafatee, «Efaataa» jedheen. Akkas jechuun, «Banami!» jechu'u. Yoosuu gurri isaa banamee, arrabni isaallee hiikkamee qajeelchee dubbate. Yesuus eennuttillee akka hin himne isaan seere. Isaan ammoo uduu inni isaan seeru, guddisanii odeessan. Worri dhagayan maruu waan kana hagaa olitti maalalfatan, «Wonti inni godhe martuu misha'a; worri gurra duude akka dhagawu, worri afaan duude akka dubbatu hin godha» jedhan. Hennaa san gumiin guddaan Yesuusiin biratti wolgayan. Sababaa isaan waan nyaatan dhabaniif Yesuus darasoota gara ufii waamee, «Baniin kun na woliin guyyaa sadihii waan turaniiraniif; waan nyaatan waan hin qabneef garaa na nyaatan. Isaan keessaa gari gariin lafa fago'oo waan dhufaniiraniif uduu isaan waa hin nyaachifne gara manaa deema'aa galaa yoo jenne, karaa irratti laafanii kufan» jedheen. Darasoonni isaa deebisanii, «Lafa gammoojjii akkanaatitti nyaata namoota haganaatii gayu eessaa fuuna» jedhaniin. Innillee, «Xoroshoo hagam qabdan?» jedhe isaan gaafannaan, «Xoroshoo torba» jedhaniin. Inni gumii saniin, «Lafa taa'aa'a» jedhee, xoroshoo torbaa san fuudhee, Rabbiin galateeffateeti, caccabsee, gumi'ii akka qoodan darasoota ufiititti kenne; isaanillee gumii taa'e sanii qoodan. Akkasuma isaan qurxummii didiqqoo hagoo qaban; Yesuus qurxummii saniifillee Rabbiin galateeffatee, akka gumi'ii qoodan darasoota ufiititti kenne. darasoota woliin gara aanaa Dalmaanuta'aa dhaqe. Fariisonni qoru'uuf bayanii malkata samii irraa akka itti mudhisu isarraa barbaadanii isaan wol mormuu jalqaban. Inni hafuura guddaa baafatee, «Dhaloonni kun maaf malkata barbaadan? Dhuga'aan isiniin jedha, dhaloota kanaaf malkanni hin kennamuuf» jedhe. Achiin maayessa, inni achumatti isaan dhiisee yabala keessa seenee gama ceeye. Darasoonni dhalee qabachuu waan irraanfataniif xoroshoo tokkottii malee yabala keessaa womaa hin qaban. Yesuus isaaniin, «Laalladhaa'a! raacitii Fariisotaatii fi Heroodiisii irraa uf-eeggadhaa'a» jedhee isaan seere. Isaan, «Waan nu dhalee hin qabneef akkana nuun jedha» jedhanii woliin qaaqan. Yesuus yaada isaanii beekee akkana isaaniin jedhe, «Maaf waan dhalee dhabuu keessanii woliin qaaxxan? Isin Haga ammaa hin beennee yookiin hin hubannee? Qalbiin teessan duuda'a? Ija uduu qabdan hin argitanii? Gurra uduu qabdan hin dhageettanii? hin qaabattanii? Hennaa ani xoroshoo shanii namoota kuma shaniif caccabse, hambaa hafe gindoo hagamii kaaftan?» isaanillee «Kudha lama» jedhanii deebisaniif. Yesuus itti aansee, «Xoroshoo torba namoota kuma afuriif hennaa caccabse, hambaa hafe Gindoo hagam guutuu kaaftan?» Isaaniin jedhe. Isaanillee, «Torba» jedhaniin. Inni, «Isin haga ammaallee hin hubannee?» isaaniin jedhe. Yesuusii fi darasoonni isaa gara Beetasaayidaa dhufan. Jarri tokko namicha ballaa tokko gara isaa fidanii akka inni harkaan qaqqabu kadhatan. Yesuus namicha ballaa san harkaan qabee ganda san keessaa baasee, ija isaatitti tufee, harka ufii irra kaayee, «Waa arga'aartaa?» jedhee gaafate. Namichi ol jedhee laalee, «Ee, namoota arga'aara; haata'uu ammoo akka muka deemuu na fakkaatan» jedhe. Yesuus ammallee harka ufii ija namichaa irra kaaye. Hennaa san namichi guuttatee laale. Ijji isaa fayyitee waa maraa midhaassee arge. Achiin maayessa Yesuus, «Ganda keessa hin deddeemn, eennuttillee hin himin» jedhee namicha gara mana isaa erge. Yesuusii fi darasoonni isaa gara ganda Filiphoos Qeesaariya'aa bayanii, inni uduu deema'aaran karaa irratti «Namoonni naan eennu jedhan?» jedhee darasoota gaafate. Isaanillee, «Gariin Yohaannisii cuupha'a, gariin Eeliyaas, kuuwwan ammoo raattota keessaa tokko siin jedhan» jedhanii deebisaniif. Yesuus, «Isin hoo eennu naan jettan?» jedhee isaan gaafate. Pheexroosillee, «Ati Kiristoos» jedhee deebise. Waan isaa eennuttillee akka hin himne isaan seere. Achiin maayii Yesuus, «Ilmi Namaa manguddoota biyyaa, bulchoota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetiin guddisee rakkata. Inni hin jibbama, hin ajjeefama; guyyaa sadihiin maayii hin ka'a» jedhee isaan barsiisuu jalqabe. Inni waan kana ibsee dubbate. Pheexroos Yesuusiin ufitti sissee isa teedeffatuu jalqabe. Inni ammoo garagalee darasoota laalee, Pheexroosiin, «Seexana nana, na biraa fagaadhu; Ati waan namaa malee, ka Rabbii hin yaaddu» jedhee teedeffate. Achiin maayii Yesuus gumii'ii fi darasoota ufitti waamee, «Namni na faanaa deemuu barbaadu yoo jiraate, uf haa waakkatuu; fannoo ufiillee baadhatee na faana haa deemuu. Namni lubbuu ufii hambifachuu barbaadu maruu hin balleeffata; waan kiyyaa fi waan Oduu Nagayaatiif lubbuu ufii ka balleeffatu maruu ammoo hin oolfata. Namni waan adunyaa tanaa maraa qabaatee, lubbuu ufii yoo dhabe ammoo maal isaa godha? Namni bikka lubbuu ufii maal kennuu danda'a? Namni kamuu dhaloota seebaruu fi cubbamaa kana keessatti, naa fi dubbii kiyyatti yoo saalfate, Ilmi namaa ulfinna Abbaa ufiitii fi maleekkota Woyyuu woliin hennaa dhufu isatti saalfata» jedhe. Yesuus deebi'ee, «Dhugamaan isiniin jedha; namoota as dhaabatan kanniin keessaa, jeennanni Rabbii hunnaan hennaa dhuftu uduu hin du'in worri argan hin jiran» jedhe. Yesuus guyyaa jahaan maayii, Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannisiin qabatee, hojja isaanii gara gaaraa ol isaan baase. Achitti inni afoo isaaniititti jijjiirame. Uffanni isaallee haga miiccuun adunyaa tanaa kamiiyyuu miiccee addeessuu dandeettu caalaa adii weeccaa ta'e. Achiin maayessa darasoonni sadiin Eeliyaasii fi Muuseen uduu Yesuusiin woliin qaaqa'aaran argan. Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisaa'a! As jiraachuun keenna nuu misha'a! Koottaa asitti daasee sadihii, tokko si'iif, tokko Muuse'eef, tokko Eeliyaasiif haa ijaarruu» jedheen. Isaan akka malee waan sodaataniiraniif, Pheexroos woma jedha'aaruu hin beenne. Achiin maayessa duumessi isaan golge. Duumessa san keessaan, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhu kanaa isa dhagayaa'a» laagaan jedhu dhufe. Hennama san garagalanii hennaa laalan isaan woliin Yesuusiin malee eennuunuu hin argine. Isaan uduu gaara irraa gad bu'aaran Yesuus, «Ilmi namaa haga du'aa ka'utti waan argitan eennuttillee hin himinaa'a» jedhee isaan seere. Isaan waan inni isaanitti hime san garamatti qabatanii, «Du'aa ka'uun maali'ii?» jedha'aa wol gaggaafatan. Isaanillee deebi'anii, «Barsiisonni seeraa, ‹Eeliyaas firrisee dhufa› maaf jedhan?» jedhanii Yesuusiin gaafatan. Yesuus akkana jedhee deebiseef, «Waan maraa midhaassu'uuf dhugamaan Eeliyaas firrisee dhufa; haata'uu ammoo Ilmi Namaa akka guddisee rakkatuu fi jibbamu maaf barreeffame ree? Ani ammoo akkana isiniin jedha, Eeliyaas dhufeera, akkuma waan isaatiif barreeffame, waanuma fedhan maraa isa irratti godhan» isaaniin jedhe. Yesuusii fi darasoonni sadiin, gara darasoota kaawwanii hennaa dhufan, gumiin guddaan isaan marsanii, barsiisonni Seera Muuse'ee hennaa isaaniin wol morman arge. Gumiin sun hennaa Yesuusiin argan maalalfatanii, gara isaa fiiganii naga gaafatan. Yesuus, «Wonti isin irratti wol mormitan maali'i?» jedhee isaan gaafate. Gumii san keessaa namichi tokko deebisee, «Barsiisaa'a! mucaa kiyya ka jinniin afaan duuchu dhayeeru gara kee fideera. Hennaa jinniin itti ka'u bakkuma maratti kuffisa, hin hoomachaaya, ilkaanillee hin qara, hin kottata, akka isa keessaa baasaniif darasoota teetitti himee ture, isaan ammoo baasuu hin dandeenne» jedheen. Yesuus deebisee, «Isin dhaloota hin amanne! haga yoomii isin woliin jiraadha? haga yoomii isinii obsa? mucaa gara kiyya as fidaa'a!» jedhe. Isaanillee mucaa gara isaa fidan. Ayyaanni battiin sun hennaa Yesuusiin arge, yoosuu gajafsiisee, kuffisee, gangalachiisee, hoomacha afaanii jisse. Yesuus, «Haga yoomiitii as akkana godhuu jalqabe?» jedhee abbaa muca'aa gaafate. Abbaan muca'aallee, «Ijjoollummaa irraa jalqabeeti» jedhee deebiseef. Hennaa hedduu isa ajjeesu'uuf ibiddaa fi bisaan keessatti isa darba. «Ati ammoo yoo sii danda'ame, garaa nuu laafii nu gargaari» jedheen. Yesuus, «Maaf ‹Yoo dandeette› jetta? nama amanuuf wonti martinuu hin danda'ama» jedheen. Hennama san abbaan muca'aa, «Amantii hin qaba. Haata'uu ammoo amantii kana caalu akka argadhu na gargaari» jedheen. Yesuus gumiin gara isaa akka hurrisa'aaru argee, ayyaana battii saniin, «Ati ayyaana afaanii fi gurra duuda'aa! Ani si ajajaa isa keessaa bayi; deebitee itti hin galin» jedhe. Ayyaanni battiin mucaa iyyisiisee, gajafsiisee keessaa baye. Mucaan akka reeffaa taanaan, namoonni hedduu, «Du'eera» jedhan. Yesuus ammoo mucaa harka qabee lafaa ol kaase, mucaanillee ol ka'ee dhaabate. Yesuus haga mana seeneen maayii, darasoonni isaa, «Nu ayyaana battii san maaf baasuu dadhabne?» jedhanii hojjatti isa gaafatan. Inni ammoo deebisee, «Ka akkanaa kun faate'ee fi soomaan malee waan biraatiin bayuu hin danda'u» isaaniin jedhe. Isaan ammoo waan inni dubbatee hin hubanne; isa gaafachu'uufillee hin sodaatan. Achiin maayessa Yesuusii fi darasoonni isaa gara Qifirnaahoomii dhaqan. Haga mana gayaniin maayessa Yesuus, «Karaa irratti wonti isin irratti wol mormitan maali'i?» jedhee isaan gaafate. Isaan ammoo, «Nu keessaa eentu caala?» jedha'aa wol morma'aa waan turaniif hin cadhisan. Yesuus haga taa'een maayessa darasoota kudha lamaanuu gara ufii waamee, «Namni bulchaa ta'uu barbaadu, nama maraayuu gad ta'ee, hojjataa nama maraa haa ta'uu» isaaniin jedhe. Achiin maayessa Yesuus daa'ima tokko fuudhee isaan afoo dhaabsiise. Inni isa ammatee, «Daa'ima akkanaa tokko maqaa kiyyaan ka simatu maruu, na simata; Ana ka simate, ka na erge simata malee ana calla'aa miti» isaaniin jedhe. Yohaannis Yesuusiin, «Barsiisaa'a, namichi tokko maqaa keetiin uduu inni jinnii baasu arginee, Inni waan gara keenna hin taaneef isa dhooggine» jedheen. Yesuus ammoo akkana jedhe, «Namni maqaa kiyyaan baasa hojjaatee deebi'ee ammoo, ka dafee waan hamaa kiyya dubbatu waan hin jirreef, hin dhoogginaa'a. Namni nuun hin mormine maruu gara keenna. Ani dhugamaan isiniin jedha, ka Kiristoosii waan taataniif, maqaa kiyyaan bisaan xuwwee tokkottii ka isin obaasu gatii qaba» jedhe. Yesuus ammallee, «Worra didiqqaa na faanaa deeman kanniin keessaa tokkocha ka gufachiisee mannaa, dhakaan daaku'uu guddaan mormatti hidhamee gara xillaa galaanaatitti gatamuu isaa woyya. Namni maruu ibiddaan qulqulleeffama, ciincaan maruu sooqiddaan qulqulleeffama. Sooqiddi waan misha'a. Sooqiddi ammoo kuraawummaa yoo uf keessaa dhabe, maali'iin kuraaya? Lubbuu teessan keessaa sooqiddi haa jiraatu. Nagaya wolii qabaadhaa'a!» jedhe. Yesuus bakka sanii ka'ee gara biyya Yihuudaatii fi laga Yordaanosi gama dhaqe. Ammallee gumiin guddaan gara isaa dachaanaan, inni akkuma amala ufii isaan barsiise. Fariisonni gariin dhufanii dubbii afaan isaatii bayuun isa qabu'uuf jedhanii, namni haadha manaa ufii hiikuun seeraa? jedhanii gaafatan. Yesuus ammoo deebisee, «Seerri Muuse'ee maal jedha?» isaaniin jedhe. Isaanillee deebisanii, «Muuseen ‹Namni tokko Woraqaa hiikka'aa kenneefii yoo hiike hin ta'a› jedheera» jedhan. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, sababaa gar-jabeenna keessaniitiif seera kana isiniif barreesse. Jalqaba Rabbi hennaa uumamni uumamu, ‹Rabbi dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume;› ‹Kanaaf namni abba'aa fi haadha ufii hin dhiisa, haadha manaa ufii woliin wol ta'a. Lamaanuu tokko ta'an.› Maarre achiin maayii isaan foon tokko malee lamaa miti. Ka Rabbi tokko godhe namni addaan hin baasin!» isaaniin jedhe. Hennaa deebi'anii manatti galan, darasoonni waan dubbii kanaa isa gaafatan. Innillee deebisee, «Eennullee haadha manaa ufii dhiisee ka dubartii biraa fuudhu, seebaru'uun yakkeera. Akkasuma dubartiin abbaa manaa ufii jalaa baatee, ta nama biraatitti heerumtu hin seebarti» isaaniin jedhe. Namoonni gariin akka Yesuus harka ufiitiin qaqqabee eebbisuuf, ijoollee didiqqoo gara isaa fidan. Darasoonni ammoo isaan teedeffatan. Yesuus ammoo hennaa waan kana arge aaree, «Jeennanni Rabbii ta worra akka ijoollee tanaa ta'aniif waan taateef, ijoolleen gara kiyya haa dhuftuu hin dhoogginaa'a gad dhiisaa! Ani dhugamaan isiniin jedha; eennullee jeennata Rabbii akka ijoolle'eetitti ka hin fudhanne, horomaa itti hin galu» isaaniin jedhe. Achiin maayii ijoollee ammatee harka ufiitiin qaqqabee, isaan eebbise. Yesuus achii ka'ee akkuma kara'atti bayeen, namichi tokko gara isaa fiigee, afoo isaatitti jilbiinfatee, «Barsiisaa mishaa'a! gara jireenna bara baraa galu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» jedhee gaafate. Yesuusillee deebisee, «Maaf barsiisaa mishaa naan jetta? Rabbii tokkicha malee mishaan eennullee hin jiru. Ati seera ‹Hin ajjeesin, hin seebarin, hin hatin, dharaan namarratti ragaa hin bayin, hin sobin, Abba'aa fi haadha tee kabajji› jedhu hin beetta» jedheen. Namichillee deebisee, «Barsiisaa'a! Ani seera kana maraa ijoollummaa kiyya irraa jalqabee eegeera» jedheen. Yesuus isa xiinxallee laalee jaalateenii, «Waan tokkotu sirraa dhidhata. Dhaqii, waan qabdu maraa gurgurii, worra hiyyeeyyi'iif kenni, samii gubba'atti badhaadhummaa argattaa; achiin maayessa koottu na faana deemi!» jedheen. Namichi hennaa dubbii kana dhagaye qabeenna guddaa waan qabuuf, fuula ufii gurraachessee, gaddee achii deeme. Yesuus ufirra garagalee darasoota ufiitiin, «Worra dureeyyi'iif jeennata Rabbii galuun attam rakkisa'a!» isaaniin jedhe. Darasoonni dubbii inni dubbate haga dhagayan hin maalalfatan. Yesuus ammoo ammallee, «Ijoollee tiyya jeennata Rabbii galuun attam rakko'o! Namni dureessi tokko jeennata Rabbii galuu irra, gaalli qaalawa limmo'oo keessa hulluuqu'utu salpha'a» isaaniin jedhe. Kana irratti isaan akka malee maalalanii, «Eeganaa eentu fayyuu danda'a ree?» woliin jedhan. Yesuus gara isaanii laalee, «Kun Rabbiif malee namaaf hin danda'amu; Rabbiif wonti maruu hin danda'ama» jedhe. Pheexroosillee deebi'ee, «Nu maraa dhiifnee si faana deemneerra» jedheen. Yesuus ammoo deebisee, «Dhugamaan isiniin jedha; eennullee waan kiyyaa fi waan Oduu Nagayaatiif mana, obboleeyyan, intallan haadhaa, haadha, abbaa, haadha manaa, ijoolle'ee fi qonna ufii dhiise, lafuma tanatti manniin, obboleeyyan, intallan haadhaa, haawwota, ijoolle'ee fi qonna dachaa dhibba hin argata, adunyaa dhuftu keessattillee gara jireenna bara baraa hin gala. Haata'uu ammoo ka duraa duuba, ka duubaa afoo ta'a.» Isaan gara Yeruusaaleemii dhaqu'uuf kara'atti hennaa bayan, Yesuus afoo isaanii uduu deema'aaru maalalanii, worri isa faanaa deeman sodaatan. Inni ammoo worra kudhanii lamaan ammallee hojjatti isaan baasee, waan isarra gayu'uuf ta'u isaanitti himu jalqabe. Inni isaaniin, «Gara Yeruusaalemii hin baana; Ilmi Namaa harka bulchoota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti dabarfamee hin kennama. Isaan ammoo yakka du'aa itti murteessan, worra Yihuudota hin ta'initti dabarsanii isa kennan. Isaan itti baldan, itti tufan, hin tumama, hin ajjeesan; haata'uu ammoo guyyaa saddaffa'aa hin ka'a» isaaniin jedhe. Ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis gara Yesuusii dhufanii, «Barsiisaa'a! waan nu si kadhannu akka nuuf gootu barbaanna» jedhaniin. Yesuus ammoo, «Maal akka isinii godhu barbaaddan?» isaaniin jedhe. Isaanillee deebisanii, «Hennaa teessoo kee ka ulfinnaa irra teette, tokko mirga keetiin, tokko bitaa keetiin akka teennu barbaanna» jedhaniin. Yesuus ammoo, «Isin woma kadhattanuu hin beettan! mijuu ani dhugu dhuguu, cuuphaa ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettanii?» isaaniin jedhe. Isaan, «Hin dandeenna» jedhaniin. Yesuus, «Isin dhugamaan mijuu ani dhugu hin dhudan, cuuphaa ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettan. Mirga kiyyaa fi bitaa kiyya ka teessisu anaa miti. Huleen kun ka worra qophaayeef kennamu» isaaniin jedhe. Darasoonni kurnan hafan hennaa kana dhagayan, Yaaqoobii fi Yohaannisiin loluu jalqaban. Yesuus ammoo gara ufii isaan waamee akkana isaaniin jedhe, «Bulchoonni worra Yihuudota hin ta'in bulchan hunnaan akka bulchan, bulchoonni isaaniillee baallii guutu'uun akka bulchan isinuu hin beettan. Isin biratti akkanaa miti; haata'uu ammoo eennullee isin keessaa nama guddaa ta'uu ka barbaadu, hojjataa nama maraa haa ta'uu. Eennullee isin keessaa bulchaa ta'uu ka barbaadu, ka nama maraa hojjatu haata'uu. Ilmi namaa lubbuu ufii kennee namoota maraa furu'uuf dhufe malee, akka isaa hojjataniif hin dhufne» jedhe. Yesuusii fi darasoonni isaa Yaarikoo dhaqan. Isaan gumii guddaa woliin hennaa Yaarikoo keessaa bayan, Namichi ijji balla'aa ka kadhatu tokko ka Barxiimeewoos jedhamu ilmi Xeemeewoosii karaa irra taa'ee kadhata'aa ture. Inni Yesuus nama biyya Naazireetii akka ta'e hennaa dhagaye, «Yesuus! Ilma Daawitii na maari!» jedha'aa iyyuu jalqabe. Namoonni hedduu akka inni cadhisu teedeffataniin. Inni ammoo, «Ilma Daawitii na maari!» jedha'aa ta duraa caalaa laagaa gudda'aan iyye. Yesuus dhaabatee, «Isa as waamaa'a!» jedhe. Inni akkasi jennaan isaan namicha waamanii, «Inni si waama'aara, jabaadhu! ka'i!» jedhaniin. Inni uffata ufi irraa gatee, utaalee ka'ee, gara Yesuusii dhufe. Yesuus, «Maal akka sii godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Namichi ballaan sunillee, «Barsiisaa'a! Ija tiyya akka naa bantu barbaada» jedheen. Yesuusillee isaan, «Amantiin kee si fayyiseera deemi!» jedhe. Yoosuu ijaan argee isa faanaa deeme. Isaan Yeruusaaleemitti galu'uuf Beetafaage'ee fi Bittaaniya'aatti, gara gaara ejersaatitti hennaa dhiyaatan, Yesuus darasoota ufii keessaa nama lamaan, «Gara ganda fuullee keessan jiru san dhaqaa'a, akkuma achi geettaniin ilmoo harre'ee ka haga ammaa namni tokkollee hin yaabbanne argitan; hiika'aatii as naa fidaa'a. Eennullee, ‹Maaf hiittan?› yoo isiniin jedhe, ‹Goofta'atu barbaada; inni uduu hin turin bakumatti deebisa› jedhaa'a!» isaaniin jedhe. Achiin maayessa dhaqanii ilmoo harre'ee balbala tokko afoo karaa irratti ka hidhamteertu arganii hiikan. Worra achi dhaabatan keessaa gari gariin, «Maal godhu'uuf ilmoo harre'ee hiittan?» jedhanii isaan gaafatan. Darasoonnillee waan Yesuus isaaniin jedhe isaanitti himan; isaanillee isaan dhiisan. Ilmoo harre'ee sanillee gara Yesuusii fidan. Uffata ufii ilmoo hare'ee irra kaayan; Yesuusillee hin yaabbate. Namoonni hedduu uffata ufii, worri kuuwwan ammoo muka irraa baala ciranii karaa inni irra deemu irratti afan. Worri duraa fi duuba isaa deeman laagaa isaanii ol qabatanii, «Hoosaanaa! ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame! Mootummaan abbaa keenna Daawitii ta dhuftu sun ta eebbifamte! Hoosaanaa ol samii gubba'atti» jedha'aa woca'aa turan. Yesuus Yeruusaalemitti mana woyyuu seenee, waan maraa haga laaleen maayessa, lafti waan dhiiteertuuf darasoota ufii kudha lamaan woliin gara Bittaaniya'aa dhaqe. Guyyaa lammaffa'aa hennaa isaan Bittaaniya'aa deebi'an Yesuus hin shoome. Inni muka hurbu'uu baala qabdu takka fago'otti argee, waan nyaatan irraa argadhinnaa laata? jedhee dhaqe. Haata'uu ammoo hennaan sun hennaa hurbuun midhaan godhatu waan hin taaneef, baala malee womaa irraa hin arganne. Hennama san Yesuus mukattii hurbu'uu saniin, «Ammaa achi eennullee midhaan sirraa hin nyaatin!» jedhe. Darasoonni isaallee waan inni jedhe kana dhagayan. Isaan hennaa Yeruusaalemiin gayan, Yesuus mana woyyuu seenee, worra achitti waa bitanii fi gurguran gad baase. Inni xarapheessaa worra birrii sharafuutii fi teessoo worra handarii gurguratuu garagaggalche. Eennullee mi'a baadhatee mana woyyuu keessa akka hin lufne dhoogge. Achiin maayessa inni akkana jedhee barsiise, «Manni kiyya gosa maraaf mana itti faateffatan ta'a jedhamee barreeffameera. Isin ammoo goda hattuun itti dhokattu gootan» isaaniin jedhe. Bulchoota gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee, waan Yesuus jedhe dhagayanii, mala isa ittiin ajjeesan barbaaduu jalqaban, gumiin barumsa isaa guddisanii waan maalalfataniif, isaan isa sodaatan. Hennaa lafti galgaloofte, Yesuusii fi darasoonni isaa qachaa san keessaa baya'aa turan. Guyyaa lammaffa'aa ganama, Isaan uduu karaa san irra lufan, mukattiin hurbu'uu sun hiddumaan ta goddeertu argan. Pheexroos waan Yesuus jedhe qaabatee, «Barsiisaa, laali! mukattiin ati abaarte goddeerti» jedheen. Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Rabbitti amanaa'a. Dhugaa isiniin jedha; eennullee garaa ufii keessatti uduu hin mamin amanti'iin, gaara kanaan, ‹Asii buqqa'ii, gara galaanaa darbami› yoo jedhe hin ta'aaf. Kanaaf ani akkana isiniin jedha, waan kadhattanii fi waan gaafattan maraa akka argattanitti amanaa'a, wonti gaafattan maruu isiniif kennama. Hennaa Rabbiin kadhachu'uuf dhaabattan, Abbaan keessan ka samii jiru yakka keessan akka isinii araaramu, eennuun irrattillee komii yoo qabaattan araaramaa'a. Isin ammoo yoo namaa araaramuu diddani, Abbaan keessan ka samii gubbaa jiru yakka keessan isinii hin araaramu.» jedhe. Isaan deebi'anii gara Yeruusaalemii dhaqan. Yesuus mana woyyuu keessa uduu deddeemu, bulchoonni gadootaa, barsiisonni Seera Muuse'eetii fi mangudoonni gara isaa dhufanii, Isaan Yesuusiin, «Baallii maali'iitiin waan kana maraa goota? Yookiin waan kana maraa akka gootuuf baallii eentu sii kenne?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee, «Ani waan tokko isin gaafadha; yoo isin naaf deebiftan, Anillee baallii maali'iitiin waan kana maraa akka godhu isinitti hima. Yohaannis akka Cuuphuuf baallii eentu kenneef? Rabbii mo'o nama? mee naa deebisa'aa!» isaaniin jedhe. Isaan wol mormanii, «Rabbiin irra yoo jenne, ‹Dubbii Yohaannisii maaf amanuu diddan ree?› nuun jedha; ‹Nama haa jennuu laata?› » jedhan. Namoonni maruu Yohaannisiin akka raagaatitti waan laalaniif gumii sodaatan. Kanaaf hin beennu jedhanii Yesuusiif deebisan. Yesuusillee deebisee, «Maarre anillee baallii maali'iitiin waan kana maraa akka godhu isinitti hin himu» isaaniin jedhe. Innillee akkana jedhee mammaakaan isaanitti himuu jalqabe, «Namichi tokko biqiltuu woyini'ii dhaabee, dhaga'aan dallawa itti dallayee, boolla woyinii itti cuunfan qotee, siree irra taa'anii eegan ijaaree, qonnaan bultootatti kireessee gara biyya fago'oo deeme. Hennaan munni woyini'ii gayu geennaan, midhaan akka fiduuf hojjataa tokko gara qonnaan bultoota ufii erge. Isaanillee hojjataa san qabanii tumanii duwwaa deebisanii ari'an. Abbaan muka woyini'ii ammallee hojjataa biraa gara isaanii erge; isaan ammallee mataa isaa baqassanii salphisanii ari'an. Ammallee ka biraa itti erge, isa ammoo hin ajjeesan, akkasuma ka biraallee heddu itti erginaan isaan keessaallee gari garii tumanii garii ammoo hin ajjeesan. Abbaan muka woyini'ii ilma guddaa jaalatu tokko qaba. Dhuma irratti ‹Ilma kiyya hin kabajjan› jedhee, isa gara isaanii erge. Qonnaan bultoonni sun ammoo, ‹Ka abbaa maasaa muka woyini'ii dhaalu kanaa; kootaa isa hin ajjeefnaa, dhaalli nuuf ta'aa› woliin jedhan. Achiin maayessa qabanii ajjeesanii, maasaa muka woyini'ii keessaa gad baasanii gatan. «Eegasuu abbaan maasaa woyini'ii maal isaan godhinna laata? dhufee qonnaan bultoota sanniin balleessa. Maasaa woyini'ii san worra biraatiif kenna. Bulchoonni Yihuudotaa mammaaka kana akka Yesuus isaaniif mammaake beekanii, isa qabu'uuf barbaadan; Haata'uu ammoo gumii waan sodaataniif isa dhiisanii deeman. Achiin maayessa waan inni dubbatuun isa qabu'uuf jedhanii, worra Fariisotaatii fi worra gara Heroodisii ta'an keessaa jara tokko Yesuusitti ergan. Worri ergaman dhufanii, «Barsiisaa'a! akka dhugaa dubbattu nu hin beenna; nama tokkollee hin sodaattu; karaa Rabbii dhuga'aan barsiifta, nama wol hin caalchiftu. Mootii mootota worra Rooma'aatiif gibira gabbaruun seera moo seeraa miti? hin gabbarra moo hin gabbarru?» jedhaniin. Inni ammoo fakkeessitoota ta'uu isaanii waan beekeef, «Isin maaf na ataabdan? Mee laalaa, saantibii tokko as fidaa'a!» isaaniin jedhe. Isaan itti finnaan, «Fakkiin kun ka eennuuti? Barreeffamni kun ka eennuti?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Ka mootii mootota worra Rooma'aati» jedhaniin. Yesuusillee deebisee, «Ka mooti'ii mooti'iif, ka Rabbii Rabbiif kennaa'a!» jedhe; isaan isa baaseffatan. Achiin maayessa Saduuqonni worri du'aa ka'uun hin jiru jedhan gara Yesuusii dhufanii, «Barsiisaa'a! Muuseen, ‹Namni tokko haadha manaa fuudhee uduu hin uumatin yoo isii irraa du'e, obboleessi isaa dubartii san dhaalee fiixaa obboleessa ufiitiif haa dabarsuu!› jedhee Seera keessatti nuu barreesseera. Obboleeyyan torbatu ture; hangafni haadha manaa fuudhee ijoollee uduu hin uumatin du'e. Obboleessi isatti aanullee dubartima san dhaalee, ijoollee uduu hin uumatin du'e; obboleessi sadeessoonillee akkasuma isii dhaalee irraa du'e. Isaan torbanuu dubartima san fuudhanii, Haata'uu ammoo ijoollee uduu hin uumatin irraa du'an. Isaan maraan maayessa ammoo dubartiin sunillee hin duute. Isaan torbanuu haadha manumma'aan isii fuudhaniiranii, guyyaa worri du'an ka'an isaan keessaa kamiif haadha manaa taati?» jedhanii isa gaafatan. Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Kitaabbanii fi hunna Rabbii waan hin beenneef dogoggortaniimii? Hennaa du'aa ka'an, isaan akka ergamtoota samii gubba'aa ta'an malee, hin fuudhan, hin heerumanille'e. Rabbi waan worra du'aa ka'anii kitaaba Muuse'ee keessatti hulee waan saato'oo dubbatutti, ‹Ani Waaqa Abirahaamii, Waaqa Yisaaqiitii fi, Waaqa Yaaqoobii ti› jedhe. Inni Waaqa worra jiraniiti malee, ka worra du'aniitii miti. Kanaaf guddaa dogoggortaniirtan» isaaniin jedhe. Barsiisota Seera Muuse'ee keessaa tokko hennaa isaan wol morman dhagayee, Yesuus deebii mishaa akka deebiseef argee, gara isaa dhufee, «Ajaja maraa keessaa guddichi kam?» jedhee Yesuusiin gaafate. Yesuusillee deebisee akkana jedheen, «Ajanyi guddichi, ‹Israa'eel, dhagayi! Waandhi Gooftaan keenna Gooftaa tokkocha. Atillee Waaqa Gooftaa kee garaa kee guutu'uun, lubbuu kee guutu'uun, yaada kee guutu'uun, hunna kee guutu'uun jaaladhu› ta jettu. Ajanyi duraa tana. Ka lammaffa'aa ammoo, ‹Nama, akka uf jaalattutti jaaladhu› ka jedhu kana. Ajanyi guddichi lamaan kanniin caalu ajanyi biraa hin jiru» jedhe. Barsiisaan Seera Muuse'ee Yesuusiin, «Barsiisaa'a! ‹Rabbii tokkocha malee, Waandhi biraa hin jiru› jettee ka dubbatte dhuga'a. Rabbiin garaa guutu'uun, qalbii guutu'uun, hunna guutu'uun jaalachuun, nama akka mataa ufiititti jaalachuun, woreega ciinca'aatii fi woreega biraa Rabbiif dhiyeessuu caala» jedheen. Yesuus akka inni qarumma'aan deebise argee, «Ati jeennata Rabbii irraa fagoo hin jirtu» jedheen. Achiin maayessa namni tokkollee gaafii isa gaafachu'uuf hin uggine. Yesuus mana woyyuu keessatti uduu barsiisa'aaru, «Attamitti barsiisonni Seera Muuse'ee, ‹Kiristoos ilma Daawitii ti› jechuu danda'an? Daawiti mataan isaatuu Ayyaana Woyyu'uun masakkamee, ‹Gooftaan Gooftaa kiyyaan, diinota kee luka kee jala, haga sii kaayutti, mirga kiyya taa'i jedheera› jedhe. Daawiti mataan isaatuu, ‹Gooftaa'a› jedhee yoo isa waame, attamiin ilma Daawitii ta'uu danda'a?» jedhee gaafate. Gumiin guddaan gammachu'uun isa dhagaya'aa turan. Isaan faatee dheeraa faateffachu'uun, mana haadha hiyyeessaa worra xamban, worra akkasii san murtii gudda'atu isaan eeggata» jedhe. Yesuus kolba miini kennaa itti guuran jiruun taa'ee, hennaa gumiin birrii mi'a kennaa itti guuran keessa buusan laale. Dureeyyiin hedduu birrii baay'ee keessa buusan. Achiin maayessa haati hiyyeessaa takka dhuftee, saantima meetii diqqoo lamaan ta gatiin isii guddisee diqqo'oo mi'a kenna'aa keessa buufte. Yesuus darasoota ufii waamee, «Ani dhugamaan isinitti himaa! Haati hiyyeessaa takka worra biraa caalaa mi'a kennaa itti guuran keessa buufte. Worri kuuwwan qabeenna guddaa qaban irraa waan hafe mi'a kennaa itti guuran keessa buusan; Isiin hiyyeettiin waan qabdu ka ittin jiraattu maraa achi keessa buufte» isaaniin jedhe. Akkuma Yesuus mana woyyuu keessaa bayeen, darasoota isaa keessaa tokkochi isaan, «Barsiisaa'a, dhagoota gugurdaa kanniinii fi ijaarsa gugurdaa kana mee laali!» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Ati ijaarsa gugurdaa kana argitaa? kunniin martinuu hin diiggama; tokkochi isaaniillee wol irratti hin hafan» jedheen. Yesuus Kolba mana woyyu'uutiin gaara ejersaa gubbaa uduu taa'u, Pheexroos, Yaaqoob, Yohaannisii fi Indiriyaas qofti gara isaa dhufanii, «Wonti kun yoom ta'a nutti himi? wonti kun martinuu hennaa ta'u malkanni isaa maali'i?» jedhanii hojja ufiititti isa gaafatan. Yesuus ammoo akkana isaaniin jechuu jalqabe, «Eennullee akka isin hin dogogorsine uf eeggadhaa'a! Namoonni hedduu, ‹Ani Kiristoos› jedha'aa maqaa kiyyaan hin dhufan; namoota hedduullee hin dogogorsan. Lolaa fi oduu lolaa hennaa dhageettan, hin sodaatinaa'a. Wonti akkasii kun hin ta'a; Haata'uu ammoo barri dhumaa ammallee hin geenne. Gofti gosatti, mootummaan mootumma'atti hin ka'a; bakka adda addaatitti sochiin lafaallee hin ta'a, beellillee hin dhufa. Haata'uu ammoo kun ciniinsuu duraati. «Isin uf eeggadhaa'a, isaan yaa'ii gara garaatitti dabarsanii isin kennan, mana sagada Yihuudotaa keessattillee hin tumamtan, naaf jettanii bulchootaa fi mootota afoo hin dhaabattan; kunillee ragaa isaanitti ta'a. Haata'uu ammoo, Oduun Nagayaa duraan dursee banii maraaf hin lallabama. «Hennaa qabanii gara murti'ii isin geessan, waan dubbataniif dura hin yaaddayinaa'a! Waanuma hennaa san isiniif kenname dubbadhaa'a; dubbii isin dubbattan ka dubbatu Ayyaana Woyyu'u malee, isinii miti. Obboleessi obboleessa, Abbaanillee ilma ufii du'aaf dabarsee kenna. Ijoolleen worra ufiititti ka'anii ajjeesan. Anaaf jettanii nama maraa biratti ka jibbamtan taatan. Haga dhumaa ka jabaatu ammoo hin fayya» isaaniin jedhe. Haata'uu ammoo akkuma raaga Daani'eeliitiin dubbatame, «Farri battumma'aa hulee dhaabatuun isi'iif hin malle dhaabattee yoo argitan, ka kana dubbise haa hubatuu. Hennaa san worri Yihuudaa jiran gara gaaraa haa dheessanii Ka mana gubbaa jiru mana irraa gadi bu'ee; manaa waan tokko fudhachu'uuf hin seenini. Ka qonna keessa jiru uffata ufii fudhatu'uuf gara duubaa hin deebi'iin. Guyyoota san dubartoota ulfa ta'aniif worra harma hoosisaniif aanne'e. Haata'uu ammoo dheessuun keessan ganna akka hin taane faateffadhaa'a! Guyyoonni sun guyyoota rakkinni hamaan itti ta'u. Rakkinni akkasii hennaa Rabbi biyya lafaa uume irraa jalqabee haga ammaatitti hin taane, deebi'eellee hin ta'u. Uduu Gooftaan guyyoota san gabaabsuu dhabaatee, namni tokkollee hin hafu. Haata'uu ammoo Banii ufii filateef jedhee, inni guyyaa san gabaabse. Hennaa san eennullee isiniin, ‹Ila laalaa'a! Kiristoos asi jira!› yookiin, ‹Ila laalaa'a! achi jira!› yoo isiniin jedhe hin amaninaa'a. Sababaanillee Kiristoosonni dharaatii fi raattonni dharaa dhufanii, yoo isaanii danda'ame worra filatamanillee dogoggorsu'uuf malkataa fi baasa hujan. Isin ammoo uf eeggadhaa'a! Ani waan maraa dursee isinitti himeera. «Guyyootuma san keessa, rakkina saniin maayessa, aduun hin dukkanoofti, jiinillee hin ifu. Urjiinillee samii irraa hin harcaati hunniti Sami'iillee hin raafaman. Achiin maayessa Ilmi Namaa, hunna gudda'aa fi ulfinnaan duumessa keessaan hennaa dhufu hin argan. Innillee hennaa san maleekkota ufii hin erga, kallattii arfanii fi qaccee lafarraatii haga qaccee sami'ii worra filataman wolitti qaba.» Yesuus amma ammoo, «Muka hurbu'uu fakkeenna godhadha'aatii irraa baradhaa'a! Dameen isaa quqquuqee baala hennaa biqilchu, bonni akka dhiyaate hin beettan. Akkasuma isinillee ammoo, kun martinuu hennaa ta'u yoo argitan, akka inni dhiyaatee balbala irra jiru beekaa'a. Ani dhuga'aan isiniin jedha; wonti kun maruu haga ta'uuf, dhaloonni amma jiru kun hin lufu. Ardii fi samiin hin lufti. Dubbiin kiyya ammoo hin lufu. «Guyyaa san yookiin hennaa san eennullee hin beeku. Abbaa malee, Maleekkonni sami'iillee hin beekan; Ilmillee hin beeku. Hennaan yoom akka ta'e isin waan hin beenneef uf eeggadhaa'a! Dammaqaa'a! Kunillee akka nama mana ufii hojjattoota ufiititti dhiisee, isaan maraafuu hujii kennee, ka balbala eegu jabaatee akka eegu seeree deeme fakkaata. Maarre, abbaan manaa yoom akka dhufu, galgala dhufaa fi halkan wodhakkaa dhufaa, iyya lukku'uu dhufaa fi ganama dhufaa hin beettan. Hennaa isin hin qabaannetti yoo dhufe, uduu isin rafa'aartan akka isin hin argine, Woma isiniin jedhu, nama maraanuu jedhaa; dammaqaa'a!» Ayyaanni Faasika'aatii fi ka xorosho'oo kabajjamu'uuf guyyaan lamaa yoo hafu, bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee Yesuusiin attamiin akka qabanii ajjeesan dhokatanii mari'atan. Isaan, «Baniin akka hin boorofne guyyaa ayyaanaa irratti akka hin taane» woliin jedhan. Yesuus hennaa Bittaaniya'aatti mana Simoonii dhukkuba gogaa kukkutuun qabameeruutitti hurbaata'aaf waamamee uduu achi jiru, dubartiin takka Urgoo Naardoosii ka gatiin isaa gudda'aa qabattee dhuftee, bilqaadii cabsitee mataa isaatitti buufte. Namoota achi turan keessaa garii gariin itti aaranii, «Wonti Urgoo tana balleessaniif maali'i? Urgooftuun tun silaa gatii woggaa tokkoo caala'atti gurguramtee, saantimiin kun hiyyeeyyi'iif kennamuu hin woyyuu» jedhanii hincinnaayanii isi'iin lolan. Yesuus ammoo akkana isaaniin jedhe, «Isii dhiisaa'a! Isin maaf isii rakkiftan? Isiin waan mishaa naa gooteerti. Hiyyeeyyiin hennaa maraa isin woliin jiran; hennama kamuu waan mishaa godhu'uufii hin dandeettan. Ani ammoo hennaa maraa isin woliin hin jiraadhu. Isiin waan dandeette goote; duraan dursitee nafa kiyya awwaalaaf dibdeerti. Ani dhugamaan isiniin jedha, biyya lafaa irratti hulee Oduun Nagayaa kun itti lallabamu maratti, wonti isiin goote akka isiin qaabatamtuuf himama.» Achiin maayessa Yihuudaan namni biyya Keeriyootii darasoota kudha lamaan keessaa tokko, Yesuusiin dabarsee kennu'uuf gara bulchoota gadootaa dhaqe. Isaan waan kana hennaa dhagayan gammadanii, birrii kennu'uufiif waadaa seenan; kanaaf Yihuudaan Yesuusiin dabarsee kennu'uuf hennaa isaa aanju barbaadate. Guyyaa jalqaba ayyaana xorosho'ootiif hennaa Hoolaan qalamu darasoonni Yesuusii gara isaa dhufanii «Hurbaata ayyaana Faasika'aa eessatti akka siif qopheessinu feeta?» jedhanii Yesuusiin gaafatan. Yesuus darasoota ufii lamaaniin, «Gara Qacha'aa deemaa'a! Nama tokko ka ottee bisaanii baatee deemu argitanii, isa faana deemaa'a. Abbaa mana namichi sun itti galuun, ‹Manni keessumma'aa ka ani darasoota tiyya woliin Faasikaa itti nyaadhu eessa? siin jedha barsiisaan› jedha'aanii. Achiin maayessa abbaan manaa sunillee mana manarraan jiru kutaa gubba'aa badhaa afamee qophaaye tokko isinitti mudhisaa, isinillee achitti nuu qopheessaa'a!» jedhee erge. Darasoonnillee bayanii gara qacha'aa deeman; akkuma inni isaaniin jedhe arganii, hurbaata ayyaana Faasikaallee achitti qopheessan. Hennaa lafti galgaloofte, Yesuus darasoota ufii kudha lamaan woliin dhufe. Uduu isaan taa'anii nyaata'aaran Yesuus, «Ani dhugamaan isiniin jedha; isin keessaa tokko inni na woliin nyaata'aaru dabarsee na kenna» jedhe. Isaanillee gaddanii gari gariin, «Na ta'innaa?» isaan jechuu jalqaban. Innillee deebisee, «Inni isin nama kudha lamman keessaa tokko, ka na woliin qorii tana keessaa nyaata'aaru. Ilmi namaa akkuma wonti isaa barreeffametti du'uuf hin deema; Haata'uu ammoo ilma namaa dabarsee ka kennu saniif aanne'e! Namni sun uduu dhalachuu dhabaatee isaa woyya!» isaaniin jedhe. Uduu nyaata'aaran, Yesuus xoroshoo fuudhee, eebbisee, caccabsee, darasoota ufiitiif kennee, «Hoo'aa kun foon kiyya» jedhe. Xuwwee ol fuudhee, galatoonfatee, isaanii kenne; isaan maruu mijuu san irraa dhugan. Innillee ammoo, «Kun dhiiga kiyya, ka waada'aa ka namoota hedduuf dhangala'e. Ani dhugamaan isiniin jedha, haga ani guyyaa san jeennata Rabbii keessatti bifa haarawaan isa irraa dhugutti daraaraa woyini'ii kana irraa deebi'ee hin dhugu» isaaniin jedhe. Achiin maayessa isaan faaruu haga faarfataniin maayii gara gaara ejersaa ol bayan. Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Barreefamni Woyyuun, ‹Ani tissee hin dhaya; hoolonnillee hin faffacaati› waan jedhuuf isin martinuu na dhiiftanii baqattan. Haata'uu ammoo hennaa du'aa ka'een maayessa, isin firrisee gara Galiila'aa dhaqa» isaaniin jedhe. Pheexroos Yesuusiin, «Isaan martinuu si dhiisanii yoo baqatanillee ani horoma si dhiisee hin baqadhu!» jedheen. Yesuus Pheexroosiin, «Ani dhugamaan siin jedha; halkanuma kana uduu lukkuun hennaa lamaan hin iyyine ati hennaa sadihii na ganta» jedheen. Pheexroos ammoo afaan guuttatee, «Ani si woliin yoma ka du'uullee, horoma si hin ganu» jedhe; kuuwwanillee akkasuma jedhan. Isaanillee gara hulee Getesamaanii jedhamtu dhufanii, darasoota ufiitiin, «Haga faateffadhuuf arma taa'aa'a» isaaniin jedhe. Inni Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannisiin uf biratti fuudhee, shoru'uu fi gadduullee jalqabe. «Lubbuun tiyya haga du'aa guddiftee gaddite. Asi turaa'a jabaadhaa'a» isaaniin jedhe. Yesuus diqqoo isaan irraa siiqee lafatti gad kufee, yoo danda'ame hennaan rakkinnaa sun akka isa irra luftuuf kadhate. «Abbaa kiyya wonti maruu sii hin danda'ama; mijuu rakkinnaa kana na irra dabarsi! haata'uu ammoo akka ati feetu haata'uu malee, akki ani fedhu hin ta'in» jedhee faateffate. Achiin maayessa deebi'ee dhufee, darasoota sadiin sanniin ka rafa'aaran argee, Pheexroosiin akkana jedhe, «Simoon hin rafteertaa? sa'aatima tokkottiillee dammaxxee taa'uu hin dandeennee? Akka hin ataabamne dammaqa'aa faateffadhaa'a! Ayyaanni namaa qophaaya'a; foon ammoo dadhaba'a» jedheen. Inni ammallee achi dhaqee, akkuma duratti jedhe jedhee kadhate. Yesuus gara darasootaa hennaa deebi'ee dhufe, ijji isaanii waan dunquqoofteertuuf ka rafaniiran arge; isaan waan deebisanillee hin beenne. Inni sadeessoo, hennaa deebi'ee gara isaanii dhufe, «Eegasuu rafaa'a harabaafadhaa'a hin gaya, amma, Ilmi namaa harka cubbamtootaatitti dabarfamee kennama. Ka'aa, haa deemnuu! Kunoo ka dabarsee na kennu dhufeera» isaaniin jedhe. Uduu Yesuus dubbata'aaru, darasoota isaa kudha lamman keessaa ka Yihuudaa jedhamu tokko dhufee, isa biraan baye. Namoonni hedduu guraadee fi bokkuu qabatanii, itti gaafatamtoonni gadootaa, barsiisoota Seera Muuse'eetii fi worri manguddootaan ergaman isa woliin dhufan. Inni Yesuusiin dabarsee kennu sunillee, «Namichi ani dhaqee dhungadhu sun isaa uf eegaa qabaa fuudhaa'a» jedhee dursee malkata kenneef. Yihuudaan akkuma achi gayeen, gara Yesuusii dhaqee, «Barsiisaa'a!» jedhee isa dhungate. Namoonni sunniinillee qabanii isa hidhan. Ka isaan bira dhaabate keessaa tokko ammoo guraadee luqqifatee, hojjataa gadicha gudda'aa dhayee, gurra irraa mure. Yesuus akkana jedheen, «Akka waan ani saamtuu ta'ee guraade'eef bokkuu qabattanii na qabu'uuf dhuftanii? Mana woyyuu keessatti isin woliin guyyaa guyya'aan hennaa barsiisa'aa ture na hin qabne, haata'uu ammoo akka kitaabonni woyyuun raawwatamaniif kun ta'e» isaaniin jedhe. Achiin maayessa darasoonni maruu isa dhiisanii dheessan. Dargaggeessi tokko ka qoola haphii uffatee, Yesuusiin faanaa deema'aa ture. Isaan isa qabnaan inni qoola ufii gatee, qullaa dheesse. Achiin maayessa Yesuusiin gara mana gadicha gudda'aa, hulee bulchoota gadootaa, manguddootaatii fi barsiisoonni Seera Muuse'ee wolitti qabamanitti isa geessan. Pheexroos Yesuusiin irraa fagaatee, haga dallawa hayyicha gudda'aa seenutti hordofee, Yesuusiin faanaa deeme. Achitti inni eeddota woliin taa'ee, ibidda oo'ifata'aa ture. Bulchoonni gadootaatii fi yaa'iin murti'ii martinuu akka ajjeefamuuf Yesuusiin irratti ragaa soqa'aa turan. Haata'uu ammoo nama isa himatu tokkollee hin argine. Namoonni hedduu dharaan Yesuusiin himate ammoo afaan isaanii tokko hin taane. Haata'uu ammoo, waan kana irratti isaanuu wolii hin galle. Gadichi guddaan ol ka'ee afoo yaa'ii dhaabatee, Yesuusiin «Waan isaan si himatan kana ati hin deebiftuu?» jedhee gaafate. Inni hin cadhise malee, womaa hin dubbanne. Ammallee gadichi guddaan «Kiristoos Ilmi Rabbii ulfaataan si'ii?» jedhee isa gaafate. Yesuusillee ee ana. Ilmi Namaa mirga Rabbii waan maraa godhuu danda'uu taa'ee samii irraa deebi'ee duumessaan hennaa dhufu hin argitan jedhe. Bulchaan gadootaallee uffata ufii biinxee, ammaa achi «Ragaa biraa maal nu barbaachisa? Rabbiin arrabsuu isaa isinuu dhageettaniirtanii, murtiin teessan maali'i ree?» jedhe. Isaan maruu afaan tokko ta'anii, haa ajjeefamuu jedhanii itti muran. Namoonni gariin Yesuusitti tufanii, ija isaallee hidhanii, «Eentu si dhaye? Mee raaga himi» jedha'aa tontoommo'oon isa dhayan. Hojjattoonnillee dhabanaasa'aa fuudhanii deemaniin. Pheexroos ammallee dallawa san keessa uduu jiru, hojjattuun gadicha guddaa takka dhuftee isa biraan baate. Isiin Pheexroosiin uduu ibidda oo'ifattu argitee xiinxallitee hubattee laaltee, «Atillee Yesuusii Naazireetii woliin jirta» jetteen. Inni ammoo ka ati jettu hin beeku hin qaabadhulle'e jedhee ganne. Achiin maayessa akkuma inni karra gad bayeen lukkuun iyye. Ammallee dubartiin hojjattuun sun isa argitee worra achi dhaabateeruun, «Namichi kun nama isaaniiti» jette. Pheexroos ammoo ammallee hin ganne. Hennaa diqqo'oon maayessa worri achi dhaabateeru, Pheexroosiin «Ati nama Galiila'aa waan taateef, dhugamaan ati nama isaaniiti» jedhaniin. Inni ammoo, «Namicha isin jettan kana ani hin beeku» jedhee uf abaara'aa kakatuu jalqabe. Yoma san lukkuunillee lammaffaa iyye. Achiin maayessa Pheexroos dubbii Yesuus, «Lukkuun hennaa lama uduu hin iyyin, ati hennaa sadihii na ganta» isaan jedhe san qaabatee hirqiffatee booye. Akkuma lafti bariiteen obboroo bulchoonni gadootaa, manguddoonni, barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Yaa'iin murti'ii maruu woliin mari'atan. Achiin maayessa Yesuusiin hidhanii fuudhanii Philaaxoositti dabarsanii kennan. Philaaxoosillee, «Ati Mootii Yihuudi'iitii?» jedhee gaafate. «Maarre atuu jette» jedhee deebise. Mootonni gadootaallee waan hedduun isa himatan. Inni ammoo womaa isaanii hin deebifne. Philaaxoosi ammoo, ammallee «Womaa hin deebiftuu? Kunoo waan meeqaan si himata'aaran?» jedhee gaafate. Yesuusillee ammoo deebii biraa tokkollee hin deebifneef; Philaaxoos waan kana hin baaseeffate. Hennaa ayyaana Faasika'aa Philaaxoos worra hidhaman keessaa nama tokko ka baniin gaafate isaanii hiiku'uuf aadaa qaban. Hennaa san worra shiftanii lola kaasa'aa nama ajjeesanii hidhaman keessaa namicha Baarbaan jedhamu tokkotu ture. Baniinillee bayanii akkuma baratame akka aadaa isaanii akka isaanii godhuuf Philaaxoosiin kadhatan. Philaaxoosillee Mootii Yihuudii akka isinii hiiku barbaaddanii? isaaniin jedhe. Inni akka bulchaa gadootaa hinaaffa'aan dabarsanii Yesuusiin isatti kennan beekeera. Bulchoonni gadootaa, Philaaxoos bikka isaa Baarbaaniin akka isaanii baasuuf Banii kakkaasan. Philaaxoos deebisee, «Eegasuu mootii Yihuudii ka jettan maal akka godhu barbaaddan ree?» isaaniin jedhe. Isaaniilee, «Isa fannisi!» jedha'aa iyyan. Philaaxoosillee, «Wonti hamaan inni godhe maali'i?» isaaniin jedhe. Isaan ammoo «Fannisi» jedhanii guddisanii iyyan. Philaaxoos yaa'ii gammachiisu'uuf jedhee Baarbaaniin isaaniif hiike. Achiin maayessa Philaaxoos Yesuusiin shabbeenaan dhaansisee akka fannifamuuf dabarsee kenne. Loltoonni Yesuusiin gara dallawa galma mooti'ii keessa geessanii loltoota sanniin keessaa worra hafanillee waamanii wolitti qaban. Isaan uffata diimaa dhiilgee itti uwwisanii qoree dhaddoo dhayanii mataa isaa irra kaayan. Achiin maayessa isaan, «Mootii Yihuudi'ii nageenni siif haata'u» jedha'aa harka itti kaasuu jalqaban. Isaan mataa isaallee ule'een dhaya'aa, itti tufa'aa, itti balda'aa afoo isaatitti jilbiiffatanii isaa sagadan. Haga isatti baldaniin maayii uffata diimaa san irraa mulqanii, uffata isaa deebisanii itti uwwisanii fannisu'uuf achi geessan. Isaan namicha biyya Qareena'aa tokko, ka Simoon jedhamu abbaa Iskindiroosiitiif Ruufoosii, maasa'aa gara qacha'aa uduu dhufu, qabaniinii fannoo Yesuusii akka baatu hunnaan taasisan. Isaan lafa golgootaa jedhamtutti Yesuusiin geessan; «Golgootaa» jechuun lafa «Buqee mata'aa» jechu'u. Jarrillee inni daadhii woyini'ii ka qumbi'iin wolitti makame akka dhuguuf kennaniif. Inni ammoo dhuguu dide. Achiin maayessa isa fannisan; uffata isaallee eennuun fa'a akka gayu beeku'uuf hixaa buusanii qoodaman. Hennaa isa fannisan ganama keessaa sa'aatii sadihi. Barreeffamni yakkaa ka inni ittiin himatame, «Mootii Yihuudotaa» jedha. Isa woliinillee shiftoota lamaa tokko mirgaan tokko bita'aan fannisan. Akka kanaan barreeffamni Woyyuun inni seera cabsitoota woliin laakayame jedhu sun raawwatame. Worri achi biraan lufanillee mataa ufii raasa'aa akka malee isa arrabsa'aa, «Hay! Ati namni mana woyyuu diiddee guyyaa sadihitti deebiftee ijaartu, Mee fannoo irraa bu'ii uf hambisi!» Akkasuma bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee Yesuusitti balda'aa, «Inni worra biraa fayyiseera, uf hambisuu hin danda'u! woliin jedhan. Inni Kiristoosii mootii Israa'elii yoo ta'e, Fannoo irraa uf haa buusuu. Achiin maayii nullee arginee isatti amannaa!» jedha'aa, jarri lamaan Yesuusiin woliin fannifamanillee isa arrabsan. Sa'aatii jaharraa jalqabee haga sa'aatii sagalii ardiin martinuu hin dukkanoofte. Sa'aatii sagal irratti Yesuus, «Elohii, Elohii laamaa Sabaktanii?» jedhee laagaa gudda'aan iyye; akkasi jechuun, «Rabbii kiyya, Rabbii kiyya, maaf na dhiifte?» jechu'u. Worra achi dhaabatan keessaa gariin kana dhagayanii, « Eliyaasiin waamata'aara» jedhan. Isaan keessaa tokko fiigee dhufee, carqii qaccee ule'eetitti hidhee, daadhii woyini'ii dhangaggooftuu keessatti cuuphee, akka afaanitti cophu dhiyeesseef, «Eegi mee! Eeliyaas dhufee fannoo irraa akka isa buusu laallaa!» jedhe. Yesuus laagaa gudda'aan iyyee lubbuu ufii dabarsee kenne. Golgi mana woyyu'uu gubbaa irraa haga gadii bakka lamatti tarsa'e Ajajaan loltuu dhibbaa ka fannoo Yesuusii afoo dhaabateeru akkanatti iyyee lubbuu ufii dabarsee akka inni kenne hennaa arge, «Namni kun dhugamaan Ilma Rabbii ture» jedhe. Ammallee hennaa dhiye jal-bultii guyyaa Sambata diqqa'aatiif guyyaa qophii waan tureef, Yooseef namni Armaatiya'aa beekkamaan yaa'ii Yihuudotaa tokko ija jabeennaan Philaaxoosiin bira dhaqee, reeffa Yesuusii akka isaa kennu isa kadhate. Yooseefiin kun inninuu nama dhufa jeennata Rabbii abdi'iin eeggata'aa ture. Philaaxoos attamitti haganatti du'e jedhee maalalfatee, inni ajajaa dhibbaa waamee, «Haga du'e turee?» jedhee gaafate. Philaaxoos akka Inni du'e ajajaa loltuu dhibbaa irraa hubatee, reeffa isaa Yooseefiif kenne. Yooseefillee qoola reeffa ittiin kafanu bitee, reeffa Yesuusii fannoo irraa buusee, qoola saniin kafanee, awwaala dhaga'aan hojjatame keessa kaaye. Afaan boollaatitti dhagaa gangalchee cufe. Maariyaamiin qachaa Maagidala'aatii fi Maariyaamiin haati Yoosa'aa reeffa Yesuusii eessa akka kaayan laala'aa turan. Sambanni haga lufeen maayii Maariyaamiin Maqidalaa, Maariyaamiin haati Yaaqoobiitii fi Saloomeen nafa Yesuusiitiif Urgoo dibu'uuf bitan. Torbaan keessa guyyaa Sambata gudda'aa obboroo haga aduun baate gara awwaalaa dhufan. Isaan kara'atti, «Dhagaa afaan awwaalaa irraa eentu nuu gangalcha?» Woliin jedha'aa turan. Waan dhagaan guddisee guddaa tureef, itti siiqanii hennaa laalan dhagaan balbala awwaalaatii ka garagalfameeru argan. Gara awwaalaa hennaa seenan ka'ima uffata adii uffatee, cinaa mirgaa tiin taa'eeru arganii nayan. Inni ammoo, «Hin nayinaa'a; Yesuusii Naazireetii ka fannifame soqa'aartanii? Inni ka'eera arma hin jiru; kunoo huleen isa kaayan. Haata'uu ammoo deema'aatii, darasoota isaatii fi Pheexroositti, ‹Inni isin firrisee Galiilaa dhaqa; akkuma isinitti hime achitti isa hin argitan› jedha'aatii himaa'a!» isaaniin jedhe. Isaan naasu'uun bararraaqanii, achi keessaa bayanii awwaala biraa baqatan; sodaatanii waan turaniif eennuttillee womaa hin dubbanne. Isaan waan inni isaan ajaje maraa Pheexroosii fi worra isa woliin jiranitti gabaabsanii himan. Kanaan maayessa Yesuus Innumti Oduu Nagayaa ka fayyinna bara baraatiif ta'e Woyyuun hin jijjiiramne, baya biiftu'uutii haga dhiyaa isaan harka kaayee erge. Yesuus jalqaba torbaanii, [guyyaa Sambata gudda'aa] ganama barii hennaa du'aa ka'e, dura Maariyaamii qachaa Magidala'aa, ta inni ayyaanota hamoota torba keessaa baaseetti mudhate. Isiin gara worra duri isa woliin jiranii, ka guddisanii gaddanii booya'aa jiranii dhaxxee, waan kana isaanitti himte. Isaan ammoo akka inni jiraataa ta'ee fi akka isiin isa argitellee hennaa dhagayan hin amanne. Achiin maayessa isaan keessaa nama lamaa ka gara baadiya'aa deeman argee, karaa irratti bifa biraatiin isaanitti mudhate. Isaanillee deemanii ka biraatitti odeessan. Isaan sunillee isaan hin amanne. Achiin maayessa uduu isaan hurbaataa nyaachu'uuf ta'aniiran kudha tokkotuu mudhate; ka'ee sababa isaan garaa jabaatanii amanuu dhabaniif isaan tuffate. Inni, «Gara biyya lafaa maraa dhaqaa'a! Uumama maratti Oduu Nagayaa lallabaa'a! Ka amane; ka cuuphamellee hin fayya; ka hin amanne ammoo itti murteeffama. Worri natti amane, maalalee akka hojjatan hunni hin kennamaaf, isaan maqaa kiyyaan jinnii baasan, afaan haarawaanillee hin dubbatan. Bofa yoo harkaan qaban, yookiin yoo waan nama ajjeesullee dhugaan isaan hin miidhu; harka ufiillee worra dhibamtoota irra yoo kaayan isaan hin fayyan» isaaniin jedhe. Gooftaan Yesuusillee isaan woliin haga kana dubbateen maayii gara sami'ii ol deebi'ee mirga Rabbii taa'e. Isaanillee bayanii, naannoo maraa dhaqa'aa, Oduu Nagayaa lallaban. Gooftaanillee isaan woliin hojjata'aa ture. Maalalee hojjataniin lallaba isaanii isaanii mirkaneesse. Bara Heroodisi mootii biyya Yihuuda'aa ta'eeru, balbala Abiya'aa keessaa gadicha Zakkaariyaas jedhamu tokkotu jira. Haati manaa isaallee fiixaa ijoollee Aarooniiti. Maqaan isi'iillee Elsaabeex jedhama. Isaan lamaanuu ajaja Goofta'aatii fi seera maraanuu mudaa malee jiraachu'uun Rabbiin afo'otti qajeellota turan. Elsaabeex waan dhabduu taateef, finna hin qaban. Lamaan isaaniituu guddisanii jaaraniiran. Innillee hennaa kochoo isaatitti afoo Rabbiititti hennaa tajaajilu; Akka seera gadootaatitti gara mana woyyuu Goofta'aa seenee akka hixaana aarsu hireen isa gaye. Hennaa inni hixaana aarsu baniin martinuu diida dhaabatanii faateffata'aa turan. Maleekkaan Goofta'aa mi'a kennaa hixaanaa itti aarsaniin gara mirgaatiin dhaabatee, Zakkaariyaasitti mudhate. Zakaariyaasillee hennaa isa arge rifatee sodaate. Maleekkaan sunillee akkana jedheen, «Zakkaariyaas, kadhaan kee sii dhagayameera hin sodaatin! haati manaa tee Elsaabeex ilma dhiiraa sii deetti; maqaa isaallee Yohaannis jettee itti baafta. Gammaddee usheexita; yoo inni dhalate, namoonni hedduu hin gammadan. Innillee afoo Goofta'aatitti waan nama guddaa ta'uuf, daadhii woyini'ii yookiin dhuddoo nama macheessu sirimaa hin dhugu, uduu garaa haadha isaa keessa jiru Ayyaana Woyyu'uun guuttama. Ijoollee Isiraa'elii keessaa namoota hedduu gara Waaqa Gooftaa isaaniititti hin deebisa. Inni hafuura Eliyaasiitii fi hunnaan afoo isaa hin deema; Inni yaada abbooti'ii gara ijoolle'ee, worra hin ajajamnellee gara ogummaa qajeellotaa hin deebisa; banii dammassee Goofta'aaf akka qophaayan taasisa.» Zakkaariyaasillee Maleekkaa saniin, «Wonti kun akka ta'u attamiin beeka? Anii fi haati manaa tiyyallee jaarreerra» jedheen. Maleekkaan deebisee, «Ani Gabri'eelii afoo Rabbii dhaabadhu, oduu gammachu'uu kana sitti himu'uuf ergame. Ati dubbii kiyya ka hennaa ufiititti raawwatamu waan hin amanneef haga gaafa wonti kun ta'uutitti afaaniin dubbachuu hin dandeettu» jedheen. Baniinillee Zakkaariyaasiin eega'aa ture. Mana woyyuu keessa ol seenee waan tureef maalalan. Haga achii bayellee womaa isaanitti himuu hin dandeenne. Isaanillee hennaa mana woyyuu keessa ture akka inni mudhata arge hubatan Inni duudaa dubbachuu hin dandeenne waan ta'eef, malkataan isaanitti hime. Innillee ji'oonni tajaajila isaa dhumnaan gara mana ufii deeme. Maleekkaan Rabbii Gabri'eel ji'a jahaffa'aatitti gara qachaa Naazireetii Galiilaa keessatti argamtuu, Gara durba duudaa Maariyaam jedhamtuu ta namicha fiixaa Daawitii irraa dhalate ka maqaan isaa Yooseef jedhamuu qadhimamteetitti Rabbiin biraa ergamee dhufe. Maleekkaan sunillee gara isi'ii dhufee, «Ati ta ayyaanaan guuttamte gammadi; Gooftaan si woliin jira; Ati dubarttoota keessaa ta eebbifamte!» jedheen. Maariyaam dubbii Maleekkaa Rabbii mamtee «Kun nagaya attamiiti?» jettee yaadde. Maleekkaanillee akkana isi'iin jedhe, «Maariyaam, hin sodaatin! Rabbiin afo'otti badhaadha argatteertaa. Ati hin ulfoofta; ilma dhiiraallee hin deetta; maqaa isaa Yesuus jettaan. Innillee guddaa ta'a, Ilma Rabbii Ol Aana'aa hin jedhama. Waandhi Gooftaan teessoo Abbaa isaa ka Daawitii hin kennaaf. Mana Yaaqoobii irratti haga bara baraa mooya, Jeennanni isaallee dhuma hin qabu.» Maariyaamillee Maleekka'aan, «Ani durba duudaa waan ta'eef, kun attamitti ta'a?» jetteen. Maleekkaanillee deebisee akkana jedheen, «Ayyaanni Woyyuun sitti hin dhufa, hunni Rabbii Ol Aana'aallee si golga. Kanaafuu ka sirraa dhalatu Woyyuu Ilma Rabbii jedhama. Firtittiin teetuu Elsaabeex, jaarruma keessa ilma dhiiraa ulfoofteerti. Isiin dhabduu jedhamtu kunoo ji'a jahaffaa keessa jirti. Wonti Rabbiif dadhabamu hin jiru» jedhe. Maariyaamillee, «Ani hojjattuu Goofta'aati, akkuma ati jette naa haata'uu» jetteen. Achiin maayessa Maleekkaanillee isii biraa deeme. Maariyaamillee ji'uma san kaatee, gara biyya gaaraa qachaa biyya Yihuudaa ariifattee dhaxxe. Isiin gara mana Zakkaariyaasii seentee Elsaabeexiin nagaya gaafatte. Elsaabeex hennaa nagaya Maariyaamii dhageette, rimeenni gadaamessa isi'ii keessatti utaale; Elsaabeexillee Ayyaana Woyyu'uun guuttamte. Laagaa ufii ol fudhatteeti akkana jette. «Ati dubartoota keessaa ta eebbifamte. Fiixaan gadaamessa keetiillee ka eebbifame! haadha Gooftaa kiyyaa gara kiyya dhufuun kee naa ulfinna attamiiti? Hennaa laagaa nagaya keetii gurra kiyyaan dhagaye rimeenni gadaamessa kiyya keessatti gammachu'uun utaale. Dubbiin Gooftaa irraa isi'itti himame waan raawwatamuuf ta amante ta eebbifamte» jette. Maariyaam akkana jette, «Lubbuun tiyya Gooftaa kabajjiti; Garaan kiyyallee Waaqa fayyisaa kiyyatti hin gammada. Salphinna garbittii ufii waan argeef, adha irraa jalqabee dhaloonni maruu ta eebbifamte naan jedhan. Inni jabaan narratti waan guddaa hojjate. Maqaan isaallee woyyu'u. Dhiifamsi isaallee worra isa sodaataniif dhaloota irraa haga dhalootaa jiraata. Innillee dandeettii ufii mudhisee, worra boonan yaada garaa isaanii woliin bittinneesse Bulchoota teessoo isaanii irraa buusee, worra gad aanaa ol kaase. Worra beelayanillee waan misha'aan isaan quubsee, dureeyyiillee harka duwwaa geegesse. Maariyaamillee haga ji'a sadihii isii bira teettee, achiin maayessa gara mana ufii deebite. Elsaabeex jiini isiin deettu geennaan, Ilma deette. Akka Gooftaan arjummaa ufii isi'ii guddise dhagayanii ollaanii fi firoonni isi'ii isii woliin gammadan. Daa'ima gadoomsu'uuf guyyaa saddeetaffa'aatitti worri dhufan, daa'ima maqaa abbaa isaa Zakkaariyaasiin itti baasuu fedhan. Haati ammoo inni Yohaannis haa jedhamuu malee akkas hin ta'u jette. Isaan isi'iin «Worra kee keessaa maqaa kanaan ka waamameeru tokkollee hin jiru» isi'iin jedhan. Abbaan Ilma ufiitiin eennu jedhee maqaa akka itti baasu malkataan gaafataniin. Innillee waan irratti barreessu gaafatee, maqaan isaa Yohaannis jedhee barreesse. Isaan Martinuu hin maalalfatan. Yoma san afaan isaa banamee arrabni isaallee hiikkatee Rabbiinillee galatoonfata'aa dubbate. Ollaan isaanii martinuu hin sodaatan. Wonti kun biyya Yihuuda'aa marattuu odeeffame. Hunni Goofta'aa waan isa woliin jiruuf, worri dhagayan martinuu, «Daa'imni kun maal ta'inna laata?» jedha'aa garaa ufii keessatti yaadan. Abbaan isaallee Zakkaariyaas Ayyaana Woyyu'uun guuttamee akkana jedha'aa raaga dubbate. «Banii ufii gargaaree bilisa waan isaan baaseef, Waandhi Israa'eelii Gooftaan haa eebbifamu. Worra diina keenna ta'anii nu jibban maraa irraa nu fayyisa. Akka kanaan abbootii teennaa dhiifama godhe. Waadaa abbaa keenna Abrahaamiif gale woyyuu ufii qaabate. Isuma kanaan harka diinootaa jalaa baane. Bara keenna maraa sodaa malee woyyumma'aa fi qajeellumma'aan, afoo isaatitti akka isa tajaajillu nuu kenne. Akkasuma ati daa'ima nana raagaa Rabbii Ol Aana'aa hin jedhamta, Karaa isaallee haxaayu'uuf Gooftaa afoo deemta. Akka kanaan dhiifamsa cubbu'uu ka ta'e, beekkomsa fayyinnaa banii Rabbiitiif kennita. Waandhi keenna Waaqa araaraatii fi gara-laafessa waan ta'eef, Inni aduun fayyinnaa gubba'aa akka nuu ifu taasisa. Ifni isaallee worra dukkanaa fi gaaddidduu du'aa keessa jiraniif hin ifa. Luka keennallee gara karaa nagayaa qajeelcha» jedhee raage. Daa'imnillee guddatee, Ayyaanaan jabaatee haga gaafa banii Isiraa'eliititti mudhatuuf lafa udume'ee keessa jiraate. Ji'oota san keessa biyyi lafaa maruu akka galmaayu mootii mootota Awugisxoosiin biraa ajanyi baye. Galmaayuun namaa kun jalqaba hennaa Qernewos biyya sooriyaatitti bulchaa ture ta'e. Namoonni martinuu galmaayu'uuf gara qacha'aa deeman. Uduma isaan achi jiran jiini isiin deettu gaye. Achitti ilma hangafaa deette; mana keessuma'aa keessatti huleen bulan waan hin jirreef, daa'ima uffataan martee gongaa keessa raffifte. Biyya sani tissee halkan horii eeddutu jira. Maleekkaan Goofta'aa dimmaa isaanitti mudhatee, ulfinni Goofta'aallee isaanitti ifnaan bararraaqan Maleekkaan Rabbiillee akkana isaaniin jedhe, oduu gammachu'uu ka banii maraaf ta'u waan isinitti himuuf, «Hin sodaatinaa'a! Adha qachaa Daawitii keessatti qorsi isinii dhalateera; innillee Gooftaa Kiristoos. Kunillee malkata akka isinii ta'u, Daa'imni uffataan maramee gongaa keessa ka rafeeru argitan» isaaniin jedhe. Hennaa Maleekkonni isaan biraa fooyamanii gara sami'ii ol bayan, tissoonni, «Ka'aa mee, gara Beeteliheemii dhandhee, waan ta'e kana, ka Gooftaan nutti hime laallaa!» woliin jedhan. Isaan daddafanii hennaa dhaqan Maariyaamii fi Yooseefiin argan, Daa'imallee moonaa Loonii keessa gongaa horiin okaya keessaa nyaatu keessatti argan. Tissoonni hennaa isa argan waan Maleekkaan Rabbii waan daa'ima kanaa isaanitti dubbate odeessan Worri dhagayan maruu waan tisseen itti himte san maalalfatan. Maariyaam ammoo waan kana maraa garaa ufiititti yaada'aa eega'aa turte. Tissoonni akkuma isaaniin jedhame waan dhagayanii argan maraafuu Rabbiin galatoonfata'aa kabajja'aa deebi'an. Guyyaan saddeetaffaan geennaan, hennaan daa'ima gadoomsan gaye, akkuma haati isaa uduu hin ulfaayiniin duratti Maleekkaan maqaa isaa baase san «Yesuus» jedhaniin. Hennaa san namichi maqaan isaa Simoon jedhamu ka Yeruusaalemiin keessa jiraatu tokkotu jira. Inni nama qajeela'a, ka jiruu ufii Rabbiif kenneeru. Inni nama fayyinna Israa'elii eeggatu; ka Ayyaanni Woyyuun irra jiru ture. Nama Goofta'aan muudame uduu hin argine akka hin duune Ayyaana Woyyu'uun hubate. Ayyaanaan gara mana woyyu'uu dhaqe; Maariyaamii fi Yooseef akka Seera Muuse'eetitti waan isa barbaachisu isaa godhu'uuf, daa'ima qabatanii gara mana woyyu'uu hennaa seenan, Innillee ammo daa'ima isaan harkaa fuudhee ammatee, Rabbiin galatoonfata'aa akkana jedhe, «Amma, Gooftaa'a, abdii kennite guutteerta, ana tajaajilaa kee nagayaan hulee dhuga'aa geessi. Ifni worra Yihuudota hin ta'initti mudhisu kun, Gumii kee Israa'eliifillee ulfinna fida» jedhee Rabbiin galateeffate. Yooseefii fi Maariyaam waan Simoon waan daa'imaatiif dubbate maalalfatan. Raattittiin Haannaa jedhamtu, ta guddiftee jaarteertu, mucattiin Faanu'eelii, ta gosa Aseerii takka achi jirti. Isiin heerumtee woggaa torba haga jiraatteen maayessa, abbaan manaa isi'ii du'e. Achiin maayessa haadha hiyyeessaa taate. Haga woggaa saddeettamii afurii abbaa manaa malee teette. Isiin mana woyyuu keessatti soomaa fi faateffanna'aan halkanii fi guyyaa Rabbiin tajaajilte. Haannaan hennama san dhuftee Rabbiin galateeffattee, waan daa'imaa worra bilisa bayuu Yeruusaaleemii eeggatu marattuu dubbatte. Yooseefii fi Maariyaam waan Seerri Goofta'aa ajaju mara haga godhanii fixaniin maayessa, gara qachaa ufii gara Naazireetii, ka Galiilaa keessatti argamuu deebi'an. Daa'imni guddatee jabaate; nama qaroo ta'e; badhaanni Rabbiillee isa irra jira. Abbaa fi haati isaallee woggama wogga'aan guyyaa ayyaana Faasika'aa gara Yeruusaalemii dhaqan. Hennaa mucaan woggaa kudha lamaa guute, akkuma baratame isaan gara Yeruusaaleemii dhaqan. Guyyoonni ayyaanaa sun haga lufeen maayessa, hennaa deebi'an Yesuus Yeruusaaleemitti hafe. Akka Inni achitti hafe Maariyaamii fi Yooseefillee hin beenne. Imaltoota woliin waan deeme seeyanii deemsa guyyaa tokkoo deemanii firoota ufiitii fi nama beekan maraa iyyaafataniin. Isaan achii hennaa isa dhaban soqa'aa gara Yeruusaaleemii deebi'an. Guyyaa sadihiin maayessa mana woyyuu keessatti edduu barsiisotaa taa'ee isaan dhagaya'aa, hennaa inni gaafii isaan gaafatu argan. Worri isa dhagayan martinuu beekkomsa isaatii fi deebii inni deebisu maalalan. Abbaa fi haatillee hennaa isa argan hin maalalan. Haati isaa, «Ilma kiyya maaf akkana nu goote? Anii fi abbaan kee akka malee yaaddofnee si soqaa'aarra» isaan jette. Yesuus deebisee, «Isin maaf na soxxan? Ani mana Abbaa kiyyaa keessa taa'uu akka na barbaachisu hin beettanii?» isaaniin jedhe. Isaan waan inni dubbate hin hubanne. Achiin maayessa inni worra ufii woliin gara qachaa Naazireetii deebi'ee, worraafillee ajajame. Haati isaa waan kana maraa garaa ufii keessatti eega'aa turte. Yesuus ogumma'aa fi hojja'aan gaachenaanillee Rabbii fi nama afo'otti guddate. Hennaa Qeesaari Xabaariyos mooye woggaa kudha shanaffa'aatitti Pheenxeenichi Philaaxoos bulchaa biyya Yihuuda'aa ture, Heroodisi biyya Galiila'aatitti, obboleessi isaa Filiphoos biyya Xuriya'aatii fi Xuraakondoositti, Lisaaniyaasillee biyya Saabilamiisiititti bulchitoota turan. Haannaanii fi Qayaafaan hennaa bulchaa gadootaa ta'aniiranitti dubbiin Rabbii gammoojjii keessatti gara ilma Zakkaariyaasii gara Yohaannisii dhufe. Kanaafuu Yohaannis gumii harka isaatitti cuuphamu'uuf dhufaniin akkana jedhe, «Isin ijoollee bofaa! lola dhufa'aaru jalaa akka baqattan eentu isinitti hime? Kanaafuu cubbuu irraa deebi'aa'a, waan mishaa hojjadhaa'a, Eegasuu abbaan keenna Abirahaam hin jedhinaa'a, Rabbii dhagaa kanniin keessaa Abirahaamiif ijoollee taasisuu waan danda'uuf. Amma dhagaraan muka jala jira. Kanaafuu munni daraaraa mishaa hin daraarre maruu muramee ibiddatti gatama» jedhe. Hennaa san gumi'iin, «Maal haa goonuree?» jedhanii gaafataniin. Innillee deebisee, «Ka uffata lama qabu ka biraatiif haa kennuu. Ka waan nyaatu qabullee akkasuma haa godhuu» jedhe. Qaraxxoonnillee akkasuma cuuphamu'uuf dhufanii, «Barsiisaa'a, maal haa goonuu?» jedhanii isa gaafatan. «Waan seeraan murtaaye caalchiftanii hin guurinaa'a» isaaniin jedhe. Loltoonni gariin, «Nu hoo ree? maal goona?» jedhanii isa gaafatan. Innillee isaaniin, «Eennuun irrattillee waan hamaa hin hojjatinaa'a, eennuunillee dharaan hin himatinaa'a, mindaan keessanuu isin haa gayuu» isaaniin jedhe. Uduu gumiin isa eega'aaru, isaan martinuu garaa ufii keessatti, «Yohaannisiin kun Kiristoosiin ta'innaa?» jedha'aa yaada'aa turan. Yohaannis deebisee, «Ani bisaaniin isin cuupha. Haata'uu ammoo ka ani miseensa kophee isaa hiikuun naaf hin malle ka na caalu hin dhufa. Inni ayyaana woyyu'uuf ibiddaan isin cuupha. Manshiinillee harka isaa keessa jira. Oyidiillee sirima hin qulqulleessa. Qamadii gaaguratti galcha. Buraa ammoo ibidda hin dhaamnetti gata» isaaniin jedhe. Kanaafuu banii karaa adda addaatiin gorsa hedduu gorsa'aa Oduu Nagayaallee isaanitti lallaba'aa ture. Heroodisiin bulchaan kutaa arfaffa'aa ammoo waan haadha manaa obboleessa ufii ta Filiphoosii Heroodiyaadaa waan hamaa inni godhe saniif Yohaannis waan isa gorseef, Wonti kun waa maraa caalee wolitti eda'ameeti, Yohaannisiin akka hidhamu taasise. Baniin maruu haga cuuphameen maayessa, Yesuusillee cuuphame. Inni hennaa kadhatu samiin baname. Ayyaanni Woyyuunillee akka haala nafaatiin handarii fakkaatee isa irratti bu'e. Ilmi kiyya ka ani jaaladhu si'i, ani si'iin gammada laagaan jedhu samii irraa dhufe. Yesuus hennaa tajaajila jalqabu umuriin isaa woggaa soddoma ture. Baniin Yesuusiin ilma Yooseefii seya; Yooseefiin kun ilma Eeli'ii ti. Eeliin ilma Maati'iiti, Maati ilma Leewi'iiti, Leewiini ilma Miilkiiti, Miilki ilma Yoonaati, Yoonaan ilma Yooseefiiti, Yooseef ilma Matatiyuuti, Matatiyuun ilma Amosiit, Amosii ilma Nahomiiti, Nahomiin ilma Eslimiti, Esliimiin ilma Nageeti, Naageen ilma Ma'atiiti, Ma'atiin ilma Matatiyuuti, Matatiyuun ilma Seemeyiti, Seemeyi ilma Yooseefiiti, Yooseef ilma Yoodaati, Yoodaan ilma Yoonaaniiti, Yoonaan ilma Resiiti, Resiin ilma Zarubaabeliiti, Zarubaabeli ilma Salatiyaaliit, Salatiyaali ilma Neriit, Neriin ilma Miilkiit, Miilki ilma Haadiit, Haadiin ilma Yoosasiit, Yoosasi ilma Qosaamiit, Qosaamiin ilma Elimodameet, Elimodameen ilma Eeriit, Eeri ilma Yosee'iit, Yoosee'i ilma Eli'azariit, Eeli'azari ilma Yooramiit, Yoorami ilma Maaxaatiit, Maaxaati ilma Leewiit, Leewiin ilma Simo'oniti. Simo'on ilma Yihuudaati, Yihuudaan ilma Yooseefiiti, Yooseef ilma Yoonaaniiti, Yoonaan ilma Eliyaqemiit, Eliyaqemi ilma Meliyaati, Meliyaan ilma Maayinaaniiti, Maayinaan ilma Maaxaatiit, Maaxaati ilma Naataaniiti, Naataan ilma Daawitiiti, Daawiti ilma Iseyiit, Iseyi ilma Iyobediit, Iyobedi ilma Bo'eeziit, Bo'eezii ilma Salmooniit, Salmooni ilma Na'asooniit, Na'asoon ilma Amiinaadabiit, Amiinaadabi ilma Aramiit, Arami ilma Arooniit, Arooni ilma Esiroomiiti, Esiroomi ilma Faresiit, Faresi ilma Yihuuda'aati, Yihuudaan ilma Yaaqoobiiti, Yaaqoobi ilma Yisihaaqiit, Yisihaaqi ilma Abirahaamiit, Abirahaam ilma Taaraat, Taaraan ilma Naakooriit, Naakoori ilma Seerohiti, Seerohi ilma Ragawut, Ragawu ilma Faleqiit, Faleqi ilma Abeeriit, Abeeri ilma Saalaatiiti, Saalaan ilma Qaayinaamiiti, Qaayinaam ilma Arifakisidiit, Arifakisidiin ilma Seemiit, Seemii ilma Nohiit, Nohi ilma Laamehiit, Laamehii ilma Maatusaalaat, Maatusaalaan ilma Heenokiit, Heenooki ilma Yaareediit, Yaareedi ilma Malali'eeliit, Malali'eeli ilma Qayinaaniit, Qaayinaan ilma Heenoosiit, Heenoosi ilma Seetiiti, Seeti ilma Aadaamiit, Aadaam ilma Rabbii ti. Yesuus Ayyaana Woyyu'uun guutamee laga Yordaanosiitii hennaa deebi'e, Ayyaanaan gara lafa udume'ee geeffame, Achitti halkan afurtamaa fi guyyaa afurtamaa daabiloosiin ataabame, guyyoota sanniin waan womaa hin nyaanneef, kadhaa haga fixeen maayii hin beelaye. Daabiloos, «Ati Ilma Rabbii yoo taate, dhagaa kana akka xoroshoo ta'u ajaji» jedheen. Yesuus, « ‹Namni dubbii Rabbiitiin jiraata malee, xoroshoo calla'aan hin jiraatu› jedhamee barreeffameera» jedhee deebiseef. Daabiloosillee gara gaara tokkoo ol isa baasee haga limsuu ijaatitti mootota adunyaa tanaa maraa itti mudhise. Daabiloosillee, «Ani kana maraa irratti ulfinnaa fi baallii si'iif hin kenna. Kun maruu waan naa kennameeruuf, ani ka jaaladheef kennuu hin danda'a. Kanaafuu ati yoo naa sagadde, wonti kun maruu kee ta'a» jedheen. Yesuus deebisee, «Waaqa Gooftaa keetiif sagadi, Isuma callaa kaddaami! jedhamee barreeffameera» jedheen. Yesuusillee deebisee, « ‹Waaqa Gooftaa kee hin qorin› jedhamee barreeffameera» jedheen. Daabiloosillee ataabee ufii maraa haga fixeen maayessa haga henna'aatiif isa biraa deeme. Yesuusillee hunna Ayyaana Woyyu'uutiin gara Galiila'aa deebi'ee, gurri isaallee biyya naannoo jirtu marattuu dhagayame. Innillee mana sagada Yihuudotaa keessatti barsiisaa ture, namni maruu isa jaje. Innillee gara biyya itti guddatee gara Naazireetii dhaqee, akkuma aada'aatitti guyyaa Sambataa mana sagada Yihuudotaa seenee kitaaba dubbisu'uuf ka'ee dhaabate. Isaanillee Kitaaba raatticha Isaayyaasii itti kennan. Innillee maraa kitaabaa badhisee, «Ayyaanni Goofta'aa ana irra jira. worra hiyyeeyyi'iif Oduu Gammachu'uu akka himuuf na muudeera. worra booji'ameef bilisummaa akka lallabuuf, worra ballaa akka argan haa godhuuf, worra miidhame akka wolaba baasuuf, Bara Gooftaan banii ufii fayyisullee akka labsuuf na ergeera» dubbiin jedhu hulee itti barreeffameeru arge. Innillee Kitaaba san maree, tajaajila'atti deebisee kennee taa'e, worri mana sagada Yihuudotaa san keessa turan maruu xiinxallanii isa laala'aa turan. Achiin maayessa Yesuus, «Akkuma hennaa dubbifamu dhageettan, Barreeffamni Woyyichi kun adha raawwatame» isaaniin jedhe. Maruu isaa ragaa baya'aa turan. Kennaa dubbi'ii Ayyaana qabeessa ka afaan isaatii bayu maalalanii, kun ilma Yooseefiitii mitii? jedhan. Yesuusillee, «Akka isin ati abbaan qorichaa uf fayyisi, Qifiranaahomittillee waa hojjachuu kee akkuma dhageenne san asi biyya kee keessattillee hojjadhu jettanii akka natti mammaattan ani shakkii hin qabu» isaaniin jedhe. Lammaffaallee, «Ani dhugamaan isinitti hima, raattichi kamuu biyya ufiititti fudhatama hin qabu. Ani dhugamaan isiniin jedha, bara Eeliyaasii raattichaatitti woggaa sadihii fi ji'a jahaa roobni caamee, beelli jabaan biyya maraa irratti hennaa bu'e, Biyya Isiraa'elii keessatti haati hiyyeeyyi'ii heddutu ture. Haata'uu ammoo Eeliyaasi gara Saraphta'aa biyya Siidonaa keessa jirtuutii gara hiyyeettii takkaa deeme malee, gara taawwanii hin ergamne. Bara raatticha Elsaa'ii namni dhukkuba gogaa kukkutuun qabame heddutu biyya Israa'el keessa jira; garuu Niimaanii biyya Sooriya'aa tokkicha san malee, worra kaawwan keessaa namni tokkolle hin fayyine» jedhe. Namoonni mana sagada Yihuudotaa keessa jiran maruu hennaa kana dhagayan akka malee aaran. Isaanillee gaara irraa isa darbu'uuf gara gaara qachaan sun irratti hojjatamtee qachaa keessaa isa baasanii gara ededaa isa fidan. Inni ammoo isaan jidduu lufee deeme. Achiin maayii qachaa Qifirnaahoomii gara Galiila'aa bu'ee guyyaa Sambata diqqa'aa isaan barsiisa'aa ture. Inni baalli'iin barsiisa'aa waan tureef dubbii barumsa isaa maalalan. Mana sagada Yihuudotaatitti namicha jinni'iin dhayame tokkotu ture. Inni laagaa gudda'aan, «Laki! Yesuusii nama Naazireetii hajaa maal nurraa qabda? Nu balleessu'uuf dhuftee? Ati eennuun akka taate si beeka! Ati Woyyicha Rabbii ti» jedhee iyye. Yesuus ayyaana hama'aan, «Cadhisi! isa keessaa bayi!» jedhee isa teedeffate. Seexannillee isaan jiddutti isa kuffisee uduu namicha hin miine isa keessaa baye. Namoonni maruu maalalfatanii, «Dubbiin akkanaa kun maal? baalli'ii fi hunnaan ayyaanota battii ajaja; isaanillee ajajamanii bayan» jedha'aa woliin qaaqan. Gurri isaa gara biyya naannoo san jirtu maraa keessatti dhagayame. Mana sagada Yihuudotaatii ka'ee gara mana Simoonii seene. Hennaa san soddaatiin Simoonii dhukkuba oo'aatiin dhukkubsattee waan turteef, isaanillee akka inni isii fayyisu isa kadhatan. Innillee yoosuu dhibee san teedeffate. Dhibeen hennama san isii dhiisee. Isiinillee ol kaatee isaan tajaajilte. Hennaa aduun dhiite dhukkubsattoota dhibee adda addaatiin qabaman maraa gara isaa fidan. Innillee tokko tokko isaanii harka ufii isaan irra kaayee isaan fayyise. Jinniin ammoo, «Ati Kiristoosii Ilma Rabbiiti» jedha'aa namoota hedduu keessaa iyya'aa bayani. Akka inni Kiristoosiin ta'e waan beekaniif, Innillee isaan teedeffate akka isaan hin dubbanne isaan dhoogge. Yesuus akkuma lafti bariiteen bayee gara lafa udume'ee deeme. Baniin isa barbaadee gara isaa dhufe. Inni isaan dhiisee gara biraa akka hin deemne dhoogguu barbaadan. Inni ammoo isaaniin, «Ani Oduu Nagayaa ka jeennata Rabbii qachoota biraatittillee lallabuu na barbaachisa; ani akka kana hujuuf ergame» jedhe. Innillee mana sagada Yihuudotaa ka Galiila'aatitti lallaba'aa ture. Baniinillee dubbii Rabbii dhagayu'uuf wol dhiibaa uduu jiran inni qaccee galaana Geensaareexii dhaabatee ture. Yabaloota lamaan qaccee galaanaa dhaabatan argee; worri qurxummii qaban ammoo yabala ufii keessaa bayanii siiboo isaanii miica'aa turan. Yabala Simoonii keessa seenee, Lafa irraa diqqoo gara galaanaa keessa akka siissu isa kadhate. Achiin maayii Yabalattii irra taa'ee Banii barsiisa'aa ture. Haga dubbii ufii fixateen maayessa Simooniin, «Gara bisaan xiilla'aa sissiitii, qurxummii qabu'uuf siibota keessan gadi darbaa'a» jedheen. Simoonillee, «Barsiisaa'a, eda halkan guutuu dadhabaa bullee womaa hin qabne, haata'uu ammoo, yoo ati jette ani siiboo hin buusa» jedheen. Hennaa kana godhan qurxummii heddu qaban. Siiboon isaaniillee hin biinxame. Hiriyyoonni isaanii worri yabala biraa keessa turan dhufanii akka isaan gargaaran harkaan haatatan. Isaanillee dhufanii yaballan lamaanuu haga liqimffamuu gayutti guutan. Simoon Pheexroos ammoo kana hennaa arge jilba Yesuusii jalatti kufee, «Gooftaa'a, ani cubbama'a natti hin dhiyaatin!» jedheen. Waan qurxummii qabanii isaaf worri isa woliin ture maruu hin maalalfatan. Akkasuma ammoo hiriyyoota Simoon worri turan, ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannisillee hin maalalan. Yesuusillee Simooniin, «Hin sodaatin! ammaa achi nama nama qabu taataa» jedheen. Isaan yaballan harkisanii qarqaratti baasanii, waan mara dhiisanii Yesuusiin faana deeman. Gaafa tokko Yesuus qachaa tokko keessa uduu jiru, namichi dhukkuba gogaa kukkutuun qabameeru ka achi jiru tokko, hennaa isa arge, Yesuusiin afo'otti kufee, «Gooftaa'a, yoo fedha kee ta'e na fayyisi» jedhee kadhate. Innillee harka ufii hiixatee isa qaqqabeeniiti, «Hin fedhaa fayyi» jedheen. Yoma san dhibeen gogaa kukkutu sun irraa bade. Yesuus namichaan, «Waan kana nama tokkottillee hin himin; haata'uu ammoo deemiitii gadootatti uf mudhisi; akka ati fayyite, namni maruu akka beekuuf, fayyuu keetiif, ciincaa Muuseen ajaje dhiyeessi!» jedhee isa ajaje. Oduun ammoo guddisee dhagayame, baniin heddu isa dhagayu'uuf dhibee isaanii irraallee fayyu'uuf isa biratti wolgaya'aa turan. Haata'uu ammoo inni gara lafa udume'ee siiqee faateffata'aa ture. Innillee guyyaa tokko barsiisa'aa oole. Gandoota Galiilaatii fi Yihuudaa keessatti argaman maraa keessaa maruu Yeruusaalemii dhufanii, Yerusaalemiillee worri dhufanii turan Fariisotaa fi barsiisonni seera Muuse'ee achi taa'aniiran. Innillee akka Fayyisuuf hunni Goofta'aa isa woliin jira. Jarri tokko, nama laamshayaa wosaasa'aan baadhatanii fidanii seensisanii afoo isaa kaayu'uuf barbaadanii, Sababaa baayi'ina bani'iitiif akkam godhanii akka seensisan dhabnaan mana irra bayanii ginnoo manaa saaqanii wodhakka'aan afoo Yesuusiititti wosaasaa woliin gadi buusan. Yesuusillee amantaa isaanii argee, namichaan, «Namana, cubbuun kee sii dhiifameera» jedheen. Barsiisonni Seera Muuse'ee tii fi Fariisonni, «Ka Rabbiin arabsu kun eennu inni? Rabbii tokkicha malee eennutu cubbuu namaaf dhiisuu danda'a?» jedha'aa yaada'aa turan. Yesuusillee yaada isaanii beekee, «Isin maaf waan akkanaa kana garaa keessan keessatti yaaddanii? ‹Cubbuun kee siif dhiifameera› jechuu moo yookiin, ‹Ol ka'ii deemi› jechu'utu salpha'a? Haata'uu ammoo biyya lafaatitti dhiifama cubbuu godhuuf, Ilmi Namaa baallii akka qabu akka beettan» jedhee, namicha laamshayaa saniin, «Ol ka'i! Itillee kee qabadhuu gara mana keetii deemi!» jedheen. Hennaa san afoo isaniitti ol ka'ee, itillee irra ciisaa ture fudhatee, Rabbiin galatoonfata'aa gara mana ufii deeme. Isaan maruu akka malee maalalfatanii, guddisanii sodaatanii, «Adha waan maalalee argine!» jedha'aa Rabbiin galatoonfatan. Achiin maayessa, Yesuus achii deemee, namicha qaraxa guuru ka Leewwii jedhamu tokko, bakka qaraxa itti guuru uduu inni taa'eeru argee, «Na faana koottu» jedheen. Innillee waan maraa dhiisee, ka'ee, isa faana deeme. Leewwiinillee mana ufiititti waan nyaataa qopheessee isa waame, worri isaan woliin hurbaata'aaf taa'anii jiran ka qaraxa guuruuf namoonni biraallee heddutu ture. Faariisotaa fi barsiisonni seera Muuse'ee gariin, «Isin maaf qaraxxootaa fi cubbamtoota woliin nyaattan? maaf dhuddan?» jedhanii darasoota Yesuusiititti guunguman. Yesuusillee deebisee, «Dhukkubsattootaaf malee, worra fayyaa qabuuf ogeessi fayya'aa hin barbaachisu. Ani ka dhufeef cubbamoota gara dhiifamaa waamuuf malee, qajeellota waamu'uuf hin dhufne» isaaniin jedhe. Namoonni gariin Yesuusiin, «Darasoonni Yohaannisii hennaa hedduu sooma'aa faateffatan. Darasoonni fariisotaallee akkasuma godhan, darasoonni tee ammoo hin nyaatan, hin dhuganille'e» jedhaniin. Yesuusillee Idaayyaan isaan woliin uduu jiru; «Worra jaalaa soomsisuu dandeettuu? Haata'uu ammoo hennaan Idaayyaan isaan biraa fudhatamu hin dhufa. Isaan ammoo yoo san hin sooman» isaaniin jedhe. Innillee akkana jedhee mammaakaan isaanitti hime. «Namni xaaqaa haarawa uffata moofaa irratti dhaabee hodhu hin jiru. Yoo itti dhaabee hodhe ammoo haarawa tarsaasa; xaaqaan haarofni ammoo moofa'aaf hin tolu. Qalqala moofa'atti daadhii woyinii haarawa ka kaayu hin jiru; yoo kaaye ammoo daadhiin woyinii haarofni qalqala dhoosa innillee hin jiga qalqallillee hin bada. Daadhiin woyini'ii haarawa ammoo qalqala haarawa keessa kaayama; lachuu wal qabatan. Namni daadhii woyni'ii ka baye haga dhugeen maayii ka hin baayiin dhuguu ka barbaadu hin jiru. Inni, ‹Ka baye woyya› jedha» jedhe. Guyyaa Sambata diqqa'aa Yesuus maasaa midhaanii keessa lufa'aa ture. Darasoonni isaallee asheeta kukuta'aa harkaan sukkuuma'aa nyaata'aa turan. Fariisota keessaa namoonni gari gariin, «Isin maaliif waan guyyaa Sambataatiin godhamuun hin malle gootan?» jedhanii isaan gaafatan. Achiin maayessa Yesuus, «Ilmi Namaa Gooftaa Sambataati» isaaniin jedhe. Gaafa biraallee guyyaa Sambataa gara mana sagada Yihuudotaa seenee barsiise. Hennaa san namichi harki isaa ka mirgaa naafate tokko achi ture. Barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonillee waan isa himataniin sababa soqu'uuf guyyaa Sambataa akka inni fayyisu eega'aa turan. Inni ammoo yaada isaanii beekee namicha harki isaa naafateen ka'ii edduu isaanii dhaabadhu jedheen. Innillee ka'ee dhaabate. Achiin maayessa Yesuus isaaniin, «Ani waa isin gaafadha: Seerri keenna guyyaa Sambataatiin maal akka goonu nu ajaja? waan mishaa moo waan hama'a? Lubbuu fayyisu'u moo ajjeesu'u?» isaaniin jedhe. Yesuus gara namoota isa marsanii laalee, namichaan ammoo, «Harka kee diriirsi» jedheen. Innillee harka ufii hin diriirse, harki isaallee akkuma harka kaanii fayyaa ta'e. Isaanillee akka malee aaranii Yesuusiin maal haa goonuun? jedha'aa woliin mari'atan. Innillee torbaanuma san keessa kadhachu'uuf gara gaaraa ol bayee, Halkan guutuu Rabbiin kadhata'aa bule. Hennaa lafti bariite darasoota ufii gara ufii waamee, Isaan keessaallee namoota kudha lamaa filatee, Ergamoota jedhee maqaa isaanitti baase. Isaanillee, Simoon ka inni Pheexroos jedhee maqaa itti baase, Indiriyaas obboleessa Pheexroosii, Yaaqoob, Yohaannis, Filiphoos, Bartalemewoos, Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Simoon ka «Hinaafticha» jedhamee beekkame, Yihuudaa ilma Yaaqoobiitii fi Yihuudaa nama biyya Asqorotu ka Yesuusiin dabarsee kenne fa'a. Isaan woliin bu'ee bakka raasaa wotaraa dhaabate. Worra gosa darasoota isaa keessaallee banii heddutu ture. Akkasuma isa dhagayu'uuf dhibee isaanii irraa fayyu'uuf jedhanii biyya Yihuudaa maraa, Yeruusaaleemii, Xiroosii, Siidoonaa daangaa galaanaatii worri dhufe namoota heddutu ture. Namoonni ayyaanni battiin dhaye hin fayyan. Hunni isa keessaa baye maraa fayyisa'aa waan tureef, baniin sun maruu isa tuqu'uuf fedha'aa turan. Innillee gara darasoota ufii laalee, akkana isaaniin jedhe, «Jeennanni sami'ii teessan waan taateef, Isin hiyyeeyyiin worra eebbiffame! «Isin worri amma beeloftan eebbifamtoota; waan quuftaniif! «Isin worri amma boottan eebbifamtoota; waan kolfitaniif! Namoonni, «Sababa Ilma Namaatiif, yoo isin jibban yoo isin fooyan, yoo isin tuffatanii fi maqaa hamaa yoo isinitti baasan, isin worra eebbifame! samii irratti gatiin keessan guddaa waan ta'eef gammada'aa buburraaqaa'a. Abbootiin keessanillee raattota irratti akkasuma godha'aa waan turaniif. Haata'uu ammo, «Isin worri amma dureeyyi'ii isin aanne'e; gatii keessan fudhattaniirtan. Isin worri amma quuftan isin aanne'e; hin beeloftan! Isin ammoo worri amma kolfitan isin aanne'ee! gadditanii hin boottan! Yoo namoonni waan misha'aan isin himan isin aanne'ee! Abbootiin teessan raattota dharaatiif akkasuma godha'aa waan turaniif. Haata'uu ammoo isin worra na dhageettaniif akkana jedha. Diinota keessan jaaladhaa'a, worra isin jibbuuf waan mishaa godhaa'a. Worra isin abaaru eebbisaa'a, worra isin yakkaniif Rabbiin kadhadhaa'a. Ka boqoo kee dhabanaasu deebisii ka lammaffa'aallee itti naannessi. Ka kootii kee fudhatuuf shamisiillee eda'ii kenniif. Nama si kadhate maraafuu kenni. Ka birrii kee sirraa liqeeffate yookiin ka fudhate akka sii deebisu hin gaafatin. Waan namoonni akka isinii godhan feetan isinillee akkasuma isaanii godhaa'a. Worra isin jaalate yoo jaalattan galata maal qabdan? Cubbamoonnillee akkasuma worra isaan jaalatan waan jaalataniif. Worra waan mishaa isinii godhee, waan mishaa yoo gootan, galata maal qabdani? Cubbamoonnillee akkasuma waan godhaniif. Worra isinii deebisu callaa abdattanii yoo liqeessitan galata maal qabdan? Cubbamoonnillee akkasuma nama isaanii deebisuu danda'uu waan liqeessaniif. Isin garuu diinota keessan jaaladhaa'a; waan mishaa isaanii godhaa'a, womaa uduu abdii hin goone liqeessaa'a; yoo san gatiin keessan guddaa ta'a. Ijoollee Rabbii taatan. Inni worra isa hin galateeffanneef, worra hamootaafuu arjaa waan ta'eef. Akkuma abbaan keessan garaa laafu, isinillee garalaafeyyii ta'aa'a. «Eennuttillee hin murteessinaa'a, isinitillee hin murtaayu; yakkillee isinitti hin muramu, namaa dhiifama godhaa'a, isiniifillee hin dhiifamaa. Kennaa'a, isinii kennamaa. Waan isin ittiin safartaniin isinniillee safaramaa. Safartuu akka misha'atti itti gadi qabamee sochoofamee guuttameen haga isin baadhachuu dandeettanitti isinii kennama. Yesuus akkana jedhee mammaaka kana isaanitti hime. Ballaan ballaa masakuu danda'aa? Yoo masake lamaanuu boollatti hin badanii? Barataan barsiisaa hin caalu, ka sirri'itti baratee fixe maruu ammo akka barsiisa'aa ta'a. «Huura ija obboleessa kee keessa jiru maaf laaltaa? Waan guddaa ija kee keessa jiru ammoo maaf hin argine? Waan guddaa ija kee keessa jiru uduu hin argine obboleessa keetiin attamitti, ‹Obboleessa kiyya, huura ija kee keessa jiru si baasaa naa eeyyami› jechuu dandeettaa? Ati ka fakkeessitu duraan dursii waan guddaa ija kee keessa jiru baasi, achiin maayessa huura ija obboleessa kee keessa jiru baasu'uuf midhaassitee argita. «Munni mishaan midhaan hamaa hin daraaru, munni hamaanillee midhaan mishaa hin daraaru. Munni maruu daraaraa isaatiin waan beekkamuuf muka qore'ee irraa daraaraa hurbu'uu guuran. Waan garaa keessa guute afaan qaaqa; namni waan mishaa garaa ufii keessatti kuufate dubbata. Namni badaan waan badaa garaa ufii keessatti kuufate dubbata. «Waan ani isinitti himu uduu hin hojjanne, maaf, ‹Gooftaa'a, Gooftaa'a› jedha'aa na waamtan. Namni gara kiyya dhufee, dubbii kiyya dhagayee ka godhu maruu eennuun akka fakkaatu isaanitti mudhisa. Inni nama mana isaa dhagaa irratti gadi fageessee qotee ijaarate tokko fakkaata. Lolaan hennaa dhufee mana san dhiibe, Manni sun dhakaa irratti waan ijaarameef sochoosuu hin dandeenne. Namni dubbii kiyya dhagayee hujii irra hin oolchine akkasuma nama dhaaba mana isaa gadi fageessee hin ijaarre tokko fakkaata. Lolaan dhufee dhiibee mana san kuffisee kufaatiin mana saniillee badaa ta'e.» Inni dubbii kana maraa bani'itti himee haga fixeen maayessa gara Qifirnaahoomii deeme. Ajajaan loltoota dhibbaa tokko gara isaa dhufee, hojjataan ani jaaladhu tokko dhukkubsatee du'uu gayeera. Inni hennaa waan Yesuusii dhagaye, manguddoota Yihuudii gara isaa ergee, akka inni dhufee hojjataa isaa isaaf fayyisu kadhateen. Isaanillee gara Yesuusii dhufanii, «Inni banii keenna hin jaalata, Mana Sagadaallee nuu ijaareera, kanaafuu, Namni kun gargaarsa sirraa argatuu barbaachisa» jedhanii jabeessanii kadhataniin. Yesuusillee isaan woliin deeme. Hennaa gara mana isaa dhiyaate ajajaan dhibbaa loltoota jaalalloo ufii gara isa ergee akkana jedheen, «Gooftaa'a, ati mana kiyya seenuun waan siin hin malleef hin dadhabiin. Kanaafuu ani gara kee dhufuun naaf hin malu. Haata'uu ammoo afaanuma calla'aan ajaji, mucaan kiyya hin fayya jedhe. Ani nama worra baallii qabu jalatti bulu. Anillee loltoota uf jalatti bulchu qaba. Isaan keessaa tokkoon, ‹Deemi› yoo jedhe, innillee hin deema; ka biraatiinillee ‹Koottu› yoo jedhe, innillee hin dhufa; hojjataa kiyyaan ‹Waan kana huji› yoo jedheen hin huja» Yesuusillee kana dhagayee maalalfatee gara banii isa faanaa deemaaruutitti garagalee, «Ani isinitti hima, amantii guddaa akkasii Israa'eliin keessattuu sirimaa hin argine» isaaniin jedhe. Worri ergamanillee hennaa gara manaa deebi'an hojjataa san ka fayyeeru argan. Bariisaallee achii ka'anii gara qachaa Naayin jedhamtuu takka dhaqe; darasoonni isaatii fi gumiin hedduunillee isa woliin deeman. Hennaa gara balbala qachaa sanii dhiyaate, jarri tokko nama du'e baadhatanii gad baasan. Ka du'e sun haadha ufiitiif tokkicha ture. Isiin ta abbaa manaa hin qabne turte; baniin qachaa saniillee heddutu woliin ture. Gooftaan hennaa isii arge, gaddeefii «Hin booyin» jedheen. Gara wosaasa'aa dhiyaatee, wasaasaa tuqe. Jarri reeffa baadhatan sunniinillee hin dhaabatan. Innillee akkana jedhe; «Dargaggeessa nana! Ani si'iin jedhaa ka'i!» jedhe. Dargaggeessi du'e sunillee ol jedhee taa'ee dubbachuu jalqabe. Achiin maayessa Yesuus deebisee Haadhatti kenne. Maruu sodaatanii, edduu keennatti raanni guddaan ka'eera. Rabbillee banii ufii tooyateera jedha'aa Rabbiin galatoonfatan. Gurri isaa Yihuuda'aa fi biyya naannoo isi'ii jirtu marattuu dhagayame. Darasoonni isaa kanniin maraa Yohaannisitti himan. Yohaannisillee barattoota keessaa lamaan gara ufii waamee, «Ka dhufu'uuf ta'u si'i moo ka biraa haa eennuu?» jedhee gara Yesuusii erge. Namoonnillee gara isaa dhufanii, «Yohaannis cuuphaan, ‹Ka dhufu'uuf ta'u si'i moo yookiin ka biraa eenna?› jedhee gara kee nu ergeera» jedhaniin. Hennama sanitti dhukkubaa fi rakkinna dhukkubaatiin ayyaana hamaa irraallee heddu isaanii fayyise; ballaa hedduullee ija bane. Yesuusillee deebisee, «Deema'aatii, waan argitanii fi waan dhageettan Yohaannisitti himaa'a! Ballaan hin arga, worri hokkolu hin deema, worri dhukkuba gogaa kukkutuun qabame hin fayya, worri gurraan hin dhageenne hin dhagayan, worri du'ellee hin ka'a, Oduun Nagayaa hiyyeeyyi'iif hin lallabama. Namni na mamee hin gufanne ka eebbifame!» isaaniin jedhe. Ergamtoonni Yohaannisii haga deemaniin maayessa, bani'itti waan Yohaannisii akkana jedhee dubbachuu jalqabe, maal laalu'uuf gara lafa udume'ee dhaxxani? Ooyyaa leemmanii ka qilleenssi sochoosuu? moo maal laaluuf baatan? nama uffata haphii uffatuu? worri uffata bareedaa uffatanii fi qanani'oonni mana moototaa jiran. Maal laalu'uuf baatan raagaa? ee ka raaga caalutu asi jira isiniin jedha. Karaa kee si afo'otti ka haxayu ergamaa kiyya afoo keetitti hin erga jedhamee ka barreeffameef isa kana. Ani akkana isiniin jedha worra dubartoota irraa dhalatan keessaa ka Yohaannis cuuphaa caalu eennullee hin jiru. Jeennata Rabbii keessatti ammo ka maraa irra diqqa'aatitu isa caala. Baniin dhagaye maruu worri qaraxa guuranillee uduu hin hafin cuuphaa Yohaannisiitiin cuuphamanii Rabbiin ajaa'ibsiifatan. Fariisoninii fi barsiisonni Seera Muuse'ee ammoo isaan waan hin cuuphamneef seera Rabbii fudhachuu didan. «Eegasuu namoota dhaloota bara kanaa maali'iin wol haa fakkeessu ree? Isaan eennuun fakkaatanii? Isaan ijoollee gabayaa keessa taa'an fakkaatan. Isaan wol waama'aa, ‹Xurumbaa isinii afuufnee, isin ammoo hin sirbine. Faaruu booyaa isinii faarsinee, isin ammoo hin boonne› jedhan. Yohaannis cuuphaan hennaa dhufe, xoroshoo hin nyaatu. Daadhii woyini'iillee hin dhugu. Isin ammoo, ‹Inni jinnii uf keessaa qaba› jettan. Ilmi Namaa ammoo hennaa dhufe, nyaata'aa dhuga'aa waan dhufeef, isin ammoo, ila! Inni worra nyaatu, machooftuu, qaraxxu'uu fi cubbamoota jaalata jettaniin. Ogummaan, worra isii fudhate maraa hin qajeelchiti. Fariisota keessaa namichi tokko isa woliin akka hurbaata nyaatu kadhateen Yesuusillee mana Fariisicha sanii seenee nyaachu'uuf taa'e. Qachaa sanitti dubartiin cubbamtuun takka akka inni mana Fariisicha sanii dhaqee taa'e haga beette bililee urgoo Albaalxiroosiitiin guuttame fidee, Duuba isaatiin luka isaa bira dhaabattee booya'aa imimmaaniin luka isaatitti jissitee rifeensa ufiitiin haqa'aa luka isaa dhungata'aa urgoo dibaa turte. Fariisichi isa hurbaataa nyaachisu'uuf waamellee argeet namichi kun uduu raaga ta'ee ta luka isaa qaqqabdu tun maal akka taate attamitti akka turtellee hin beeka ture. Isiin cubbamtu'u jedhee garaa ufiititti yaade. Yesuusillee deebisee, «Simoon waan sitti himu qaba» jedheen. Innillee, «Barsiisaa kiyya, natti himi» jedheen. Yesuusillee akkana jedheen, «Namoonni lamaa nama birrii liqeessu tokko irraa birrii liqeeffatan. Tokko birrii dhibba shanii liqeeffate kuun ammoo birrii shantamaa liqeeffate. Jarri lachuu waan kaffalan waan dhabaniif lamaaniifuu dhiise. Eegasuu isaan keessaa kamiin irra caalaa jaalata»? Simoonillee deebisee, «Ka liqaan guddaan dhiifameef sani natti fakkaata» jedheen. Innillee deebisee, «Dhugama dubbate» jedheen. Gara dubartitti'ii gara galee Simooniin akkana jedhe, «Dubartii tana argitaa? Urga ani gara mana keetii seenee ati bisaanuma lukaatuu naa hin kennine, isiin ammoo imimmaan ufii luka kiyyatti jisa'aa rifeensa mataa ufiitiin gossite. Ati na hin dhunganne, isiin ammoo urga ani mana seenee jalqabdee luka kiyya dhungachuu hin dhiifne. Ati mataa kiyya dhadhaa na hin ibsine, isiin ammoo urgoo gatii gudda'aan bitamu luka kiyya ibsite. Kanaaf akkana isiniin jedha guddiftee waan jaalala guddaa mudhifteef cubbuun hedduu isi'ii dhiifameera. Ka jaalala diqqoo qabuuf waan diqqatu dhiifamaaf. Isi'iinillee «Cubbuun kee sii dhiifameera» jedhe. Worri isaan woliin hurbaata nyaata'aa jiran garaa isaanii keessatti, «Kun ka cubbuu namaa dhiisu eennu? Woliin jedhan. Yesuusillee dubartii saniin amantiin kee si fayyiseeraa, nagayaan gali» isi'iin jedhe. Achiin maayessa waan jeennata Rabbii lallaba'aa oduu gammachu'uu waan jeennata Rabbii hima'aa gandootaa fi qachaa keessa lufa'aa ture. Kudha lamaanillee isa woliin turan; worra dhibee irraa fayyan keessaa dubartoonni gari gariin worra ayyaana hama'aa fi dhukkuba irraa fayyan keessaa Maariyaamii magidalaa ta jedhamtu ta seexanni torbaa keessaa baye, Yohaannaan haadha manaa Kuuza'aa ajajaa Heerodisii Soosina'aa fi namoonni kuuwwanillee heddu ta'anii birrii ufiitiin isa tajaajila'aa turan. Hennaa baniin heddu qachoota maraa irraa wolitti qabamanii gara isaa dhufan, mammaakaan akkana jedha'aa isaanitti dubbate. «Namichi tokko sanyii facaasu'uuf baye. Hennaa facaasu tokko tokko qaccee kara'aatitti bu'ee irra deemamee Simbirran dhufanii qocatan. Sanyiin gariin lafa biyyee guddaa hin qabne dhakaa irratti bu'ee hennaa mute, waan jiidha hin qabneef hin goge. Ka biraa qoree keessatti bu'e qoreen woliin mutee hudhee qabe. Ka biraa ammoo lafa biyyee mishaa irratti bu'ee hennaa mute, dachaa dhibba daraare» jedhe. Yesuus hennaa dubbii kana dubbatee fixe, «Gurra dhagayu ka qabu haa dhagayuu!» jedhe. Darasoonni isaallee hiikkaan mammaaka kanaa maali'i jedhaanii, Yesuusiin gaafatan. Innillee akkana jedheen, «Dhossaa jeennata Rabbii beekuun isiniif kennameera; worra kaawaaniif ammoo uduu ilaalan akka hin argine, uduu dhagayan akka hin hubane, mammaakkan dubbadha» jedhe. «Eegasuu hiikkaan mammaaka kanaallee kana. Sanyiin dubbii Rabbiiti. Sanyiin karaa qace'etti bu'e sun namoota dubbii Rabbii dhagayanii akka isaan amananii hin fayyineef daabiloos dhufee dubbii san onnee isaanii keessaa fudhata. Sanyiin lafa biyyee guddaa hin qabne ka jalli isaa dhaka'aa irratti bu'e sunillee worra dubbii dhagayanii gammachu'uun fudhatan. Isaan garuu hidda waan hin godhaneef haga hennaa diqqo'ootiif amanan malee, yoo ataabamuun isaan irra gaye, hin ganan. Sanyiin qoree keessatti bu'ellee worra dubbii dhagayanii. Akkuma oolmetii isaanii ka duraatiti yaada'aa, badhaadhummaa jireenna qananiitiinillee waan hudhamaniif, sanyii hin godhatan. Sanyii lafa mishaa irratti bu'e ammoo worra dubbii Rabbii dhagayanii, amanamuuma'aaf mishumma'aan fudhatanii obsaan sanyii daraaraniiti.» Namni kamuu ifaa ibsee ka waa itti gombisu yookiin siree jala ka kaayu hin jiru. Worri diidaa ol seenan akka ifa argan kololee rogatti mudhisu gubbaa kaayan. Wonti dhokate uduu hin mudhanne, yookiin wonti golgame uduu hin beekkamneef uduu ifatti hin baane ka hafu tokkollee hin jiru. Kanaafuu hennaa dhageettan qulqulleeffadhaa dhagaya'aa nama waa qabu kamiifuu eda'amee kennamaaf. Nama waa hin qabne kamuu wonni inni hin qaba jedhee yaadu diqqoon sunuu irraa fudhatamti. Haati Yesuusiitiif obboleewwan isaa gara isaa dhufanii sababa guddinna bani'iitiif isa arguu hin dandeenne. Namoonni worri, «Haati teetii fi obboleewwan tee si soqaa dhufanii diida dhaabataniiran» jedhanii itti himan. Innillee deebisee haati tiyyaaf obboleewwan tiyya worra dubbii Rabbii dhagayanii hojii irra oolchan isaaniin jedhe. Gaafa tokko inni darasoota ufii woliin gara yabala tokkoo seenee, «Ka'aa galaana gama haa ceenuu» isaaniin jedhe. Isaanillee ka'anii deeman. Yabala keessa seenanii uduu deema'aa jiran, Yesuusiin hirribni qabee rafe. Yabalillee bisaan hoboonbolattii hora san irratti ka'een guuttamuu jalqabee jennaan, akka malee sodaatan. Hennaa san darasoonni isaa gara isaa dhiyaatanii, Gooftaa keenna banne! jedha'aa isa kaasan. Innillee dammaqee bubbe'eef danbalii bisaanii teedeffatee cadhisiise. Dambaliinillee hin cadhise. Innillee, «Amantaan keessan meeti» jedhee isaan gaafate. Sodaatanii maalala'aa ka qilleensinii fi bisaanillee ajajamaniif kun eennu? woliin jedhan. Isaanillee gara biyya Gergesoonii afoo Galiila'aatitti yabalaan ceeyan. Hennaa yabala irraa bu'an namichi jinniin dhaye tokko qachaa sanii bayee isatti dhufe. Namichi sun bara hedduuf uffata uduu hin uffannee fi manatti uduu hin galle, awwaala jidduu jiraata'aa ture. Yesuusiinillee hennaa arge afoo isaatitti gadi kufee, laagaa ufii ol fudhatee iyyee, «Ee Yesuus, Ilma Rabbii Ol Aana'aa! maal na irraa qabda? Ani si kadhadhaa, na hin rakkisin!» jedhe. Yesuus hafuurri hamaan namicha keessaa akka bayu waan ajajeeruuf, inni akkana jedhe. Hennaa hedduu ayyaanni hamaan waan itti ka'uuf, sansalata sibiilaatii fi sibiila lukaatiin hidhama'aa eeggamullee, hidhaa san kukkuta'aa, hunna ayyaana hama'aatiin gara lafa udume'ee oofama'aa ture. Yesuus, «Maqaan kee eennu?» jedhee gaafannaan, jinniiwwan hedduu waan itti galeeruuf, «Maqaan kiyya Leegewoon» jedhee deebise. Jinniiwwan sunillee akka inni gara qile'ee isaan hin ergine Yesuusiin kadhatan. Hulee san gobbuun booyye'ee guddaan ededa gaaraa irra dheeda'aa turan. Jinniiwwan sunillee akka inni booyyota sanitti galaa isaaniin jedhu kadhataniin. Innillee maarre itti galaa'a jedhe. Jinniiwwan sunillee namicha keessaa bayanii gobbuu booyye'eetitti galan. Gobbuunillee afaan qile'ee irraa gugatanii galaanatti badan. Worri booyyee tissu waan ta'e haga argan, dheessanii qacha'aa fi baadiyyaa keessatti odeessan. Namoonnillee bayanii waan ta'e san laalu'uuf hennaa gara Yesuusii dhufan. Namichi jinniin keessaa baye sun qalbiin deebiteefii uffata uffatee luka Yesuusii bira ka taa'eeru arganii isa sodaatan. Worri achitti isa argellee, attamitti akka namichi jinnii irraa fayye isaanitti himan. Baniin naannoo biyya Gergesenoon jiru maruu waan guddisanii sodaataniif, akka Yesuus isaan biraa lixu isa kadhatan. Innillee yabala keessa seenee achii deeme. Namichi jinniin keessaa baye sun Yesuusiin, «Si woliin jiraadha» jedhee isa kadhate. Yesuus ammoo, «Gara mana keetii deebi'ii, waan Rabbi sii godhe himi» jedhee isa erge. Namichi waan guddaa Yesuus isaaf godhe hima'aa, qachaa keessa deeme. Baniin maruu waan isa eega'aaraniif hennaa Yesuus deebi'e gammachu'uun isa simatan. Woggaa kudha lamaa irraa jalqabee dubartii dhiinni isi'ii jigu takkatu ture. Waan qabdu maraa worra qorsa isi'ii kennutti fixattee ta eennullee isii fayyisuu hin dandeenne takkatu achi ture. Isiinillee duuba isaatiin dhuftee handaara uffata isaa tuxxe. Yomasan dhiinni isii keessaa jiga'aa ture sunillee cite. Yesuusillee, «Eentu na tuqee?» jedhee gaafate. Isaan maruu nu'uu miti jedhanii waakkatan. Pheexroosi, «Barsiisaa kiyya, gumiin maruu si hucuuceera, si dhiiba'aaralle'e» jedhe. Yesuus ammoo, «Akka hunni fayyisu'u na keessaa baye waan beekuuf, namni tokko na tuqeera» isaaniin jedhe. Dubartiin sunillee akka dhokatee hafaa hin jirre argitee, hollata'aa dhuftee afoo isaatitti gadi kufte. Achiin maayessa maaf akka isa tuxxee fi yoma san attamitti akka fayyite gumii afo'otti itti himte. Innillee mucattii tiyya amantaan kee si fayyiseeraa nagayaan deem isi'iin jedhe. Uduma inni dubbata'a jiru, namni tokko bulchaa mana sagada Yihuudotaatitti dhufeetti, «Mucattiin tee duuteerti; kanaafuu barsiisaa hin dadhabsiisin» jedhe. Yesuusi ammoo dhagayee, amani malee hin sodaatin hin fayyitii jedhee deebiseef. Hennaa gara manaa seenu Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannis abbaa mucatti'iitiif haadha mucatti'ii malee, eennullee akka isa woliin hin seenne dhoogge. Namoonni maruu bade bade jedha'aa booya'aa turan. Inni ammoo, «Hin rafteerti malee, hin duunee hin booyinaa'a» isaaniin jedhe. Akka duute beekanii guddisanii itti kolfan. Inni ammoo harka isi'ii qabee, «Mucattii ka'i» jedhee guddisee dubbate. Lubbuun itti deebitee daddaftee yoosuu dhaabatte. Inni ammoo waan nyaattu kenna'aafii jedhee isaan ajaje. Worri isi'iillee hin maalalan. Inni ammoo waan ta'e kana eennuttillee akka hin himne isaan ajaje. Yesuus ergamtoota ufii kudha lamaanuu wolitti waamee, jinniiwwan maraa akka baasan, dhibeellee akka fayyisan hunnaa fi baallii isaanii kenne. Jeennata Rabbii akka lallabaniif dhukkubsattoota akka fayyisan akkana jedhee isaan erge. Ulee, korojoo, buddeenaaf birriillee yoo ta'e hennaa imala deemtan womaa harkatti hin qabatinaa'a. Ka uffattan sanii achi ka biraa harkatti hin qabatinaa'a. Mana keessummummaa dhaxxan san haga gaafa achii baataniif achuma taa'aa'a. Eennullee yoo isin simachuu dhabaate, qachaa san keessaa hennaa baatan ragaa akka isaanitti ta'u daaraa luka keessanii hargufadhaa'a. Isaanillee achii bayanii Oduu Nagayaa lallaba'aa bakka maratti fayyisa'aa, qachaa maraa keessa deema'aa turan. Bulchaan kutaa arfaffa'aa Heroodis, waan ta'e san maraa dhagayee, Innillee, namoonni gari gariin Yohaannisii cuupha'atu worra du'an keessaa ka'eera. Kuuwwan ammoo Eeliyaasitu mudhate, kuuwwanillee Raattota duraa keessaa tokko ka'eera jedha'aa waan turaniif mame. Heroodisillee, Yohaannis ka ani morma isaa mursiise. Namni ani amma waan isaa dhagayu kun eennu? jedhee isa kana argu'uuf barbaada'aa ture. Ergamtoonnillee deebi'anii waan hojjatan maraa isatti himan. Innillee isaan qabatee qachaa Beetasayidaa jedhamtu bira hojjuma isaa gara lafa udume'ee dhaqe. Gumiinillee akka inni Yesuusiin ta'e beekanii isa faanaa deeman. Innillee isaan simatee waan jeennata Rabbii isaanitti hima'aa ture. Worra fayyuun isaan barbaachisullee hin fayyise. Hennaa lafti dhiitetti darasoonni kudha lamaa isati dhiyaatanii, «Nu lafa udume'ee keessa waan jirruuf, gara naannoo ganda baadiyaa jiranii deemanii akka bulanii fi waan nyaatanillee akka argatan banii kana geggessi» jedhaniin. Inni ammoo, «Isinuu waan nyaatan kenna'aaf» isaaniin jedhe. Isaan ammoo, «Deemnee gumii kana maraafuu yoo waan nyaatan binne malee, xoroshoo shanii fi qurxummii lamaa callaa qabna» jedhaniin. Gumiin haga namoota kuma shanii waan turaniif, darasootaan, «Kuta kuta'aan shantama shantama godha'aa gumii teessisaa'a» isaaniin jedhe. Isaanillee akkuma inni godhaa jedhe maraa teessisan. Innillee xoroshoo shanii fi qurxumii lamaanuu fuudhee gara sami'ii ol laalee, eebbisee, caccabsee gumi'iif akka kennan darasoota ufiititti kenne. Marti isaaniituu nyaatanii quufanii hambaa isaan irraa hafe xoroshoo gindoo kudha lamaa guutuu isaan jalaa fuudhan. Yesuus hojja ufii uduu faateffata'aaru, darasoota isa woliin turaniin, «Namoonni eennu anaan jedhan?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee deebisanii, «Gariin Yohaannisii cuupha'a siin jedhan; gariin Eeliyaas siin jedhan; kuuwwan raattota durii keessaa tokkotu du'aa ka'eera siin jedhan» jedhaniin. Yesuus, «Isin hoo eennu naan jettan?» jedhee isaan gaafate. Pheexroos deebisee, «Ati Kiristoosii Rabbiiti» jedheen. Inni isaan maraanuu akkana jedhe, «Namni na faanaa dhufuu barbaadu yoo jiraate, ufirraa haa bayuu. Guyya guyya'aan fannoo ufii baadhatee na faana haa deemuu. Namni lubbuu ufii fayyisuu fedhu maruu hin balleeffata. Namni naaf jedhee lubbuu ufii kennu maruu hin hanbifata. Namni waan adunyaa tanaa maraa argatee, lubbuu ufii yoo balleeffate yookiin dhabe faayidaa maal argata? Namni anaaf dubbii kiyyatti saalfatu maruu ilmi namaa ulfinna isaatiin, ulfinna Aabba'aatii fi ulfinna maleekkota woyyootaa woliin hennaa dhufu isatti saalfata. Ani dhugamaan isiniin jedha, namoota as dhaabata'aaran kanniin keessaa uduu hin duune worri jeennata Rabbii argatan jiran» isaaniin jedhe. Yesuus haga dubbii kana dubbateen maayessa guyyaa saddeetii tureet Pheexroosiin, Yohaannisiif, Yaaqoobiin qabatee faateeffachu'uuf gara gaaraa baye. Uduu inni faateffata'aaru bifti fuula isaa jijjiirame uffanni isaallee calalaqee adii ta'e. Hennaa san namoonni lamaan, Muuseef Eeliyaas isa woliin dubbata'aa turan. Ulfinnaan mudhatanii, waan du'uu Isaatii fi waan Yeruusaalemitti Isa irratti ta'u dubbata'aa turan. Haata'uu ammoo Pheexroosiif worri isa woliin turan hirribni waan isaan qabeef rafa'aa turan. Hennaa dammaqan ammoo ulfinna Yesuusiitiif namoota lamaan isaan woliin dhaabata'aa turan sanniin argan. Akkuma namoonni sun isa biraa deemaniin, Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisaa'a! Asitti argamuun keenna waan misha'a; daasee sadihii, tokko siif, tokko Muuse'eef, tokko ammoo Eeliyaasiif haa ijaarruu» isaan jedhe; Inni ammoo woma dubbata'aaruu hin beeku ture. Uduu inni kana dubbata'aaru duumessi dhufee isaan golge. Haga duumessi isaan golge hin sodaatan. Duumessa keessaa, «Kun Ilma kiyya, ka Ani filadhe; isa dhagayaa'a!» laagaan jedhu dhagayame. Haga laagaan sun dhagayameen maayessa, Yesuus hojjuma ufii achitti argame. Isaan hin cadhisan. Hennaa san isaan waan argan eennuttillee hin himne. Haga lafti bariite gaara gubba'aa hennaa bu'an, banii heddutu isaan wol arge. Banii san keessaa namichi tokko laagaa ufii ol qabatee, «Barsiisaa'a! Ilmi kiyya tokkichi qabu hafuura hama'aan waan qabameeruuf akka naa laaltu si kadhadha jedheen. Jinniin homacheessa'aa, kuffisa'aa, gangalcha'aa, hollachiisa'aa rakkisaan. Darasoota teellee akka isa keessaa baasan kadhadhee ture, isaan ammoo keessaa baasuu hin dandeenne» jedhe. Yesuusillee deebisee, «Isin worra hin amanne dhaloota dabaa, haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isinii obsa? Namichaan mee Ilma kee as fidi» jedheen. Hennaa itti dhiyaate jinniin kuffisee dhidhiitachiise. Yesuus ammoo ayyaana hamaa teedeffatee, mucaa fayyisee abba'atti deebisee kenne. Isaan maruu guddinna hunna Rabbii maalalan. Isaan maruu waan Yesuus godhe uduu baaseffatan, Darasootaan, «Ilmi Namaa harka namaatitti dabarfamee waan kennamuuf isin kana gurra keessanitti qabadhaa'a» isaaniin jedhe. Isaan ammoo waan kana hin hubanne. Hiikkaan isaan jalaa waan dhokateeruuf hubachuu hin dandeenne; Kanaaf isaan waan kana gaafachuu sodaatan. Isaan keessaa eentu eennuun akka caalu beeku'uuf jedhanii mormiin isaan jiddu'utti ka'e. Yesuus yaada garaa isaanii beekee, daa'ima tokko fuudhee qabee uf bira dhaabsisee, «Eennullee ka daa'ima kana maqaa kiyyaan simatu na simata. Ka na simatu maruu ka na erge simata. Ka isin maraa irraa gadi aanu inni sun maraa caala» isaaniin jedhe. Yohaannis deebisee, «Barsiisaa'a, namichi tokko maqaa keetiin uduu jinnii baasu arginee, waan inni keenna hin taaneef, dhooggineen» jedheen. Yesuus ammoo, «Ka isiniin hin mormine isin woliin waan ta'eef, isa hin dhoogginaa'a» isaaniin jedhe. Hennaan inni gara sami'ii ol fudhatamu waan dhiyaateef, gara Yeruusaaleemii deemu'uuf kutatee ka'e. Gara qachaa Samaariya'aa dhaqanii, waan maraa akka isaa qopheessaniif worra dhaamsa geessan erge. Namoonni naannoo sanii ammoo akka inni gara Yeruusaalemii deema'aaru waan beekaniif, isa simachuu didan. Darasoonni isaa Yaaqoobii fi Yohaannis waan kana hennaa argan, «Gooftaa'a, akkuma Eeliyaas godhe ibiddi sami'ii bu'ee akka isaan balleessu akka ajanyu maarre nuu jettaa?» jedhaniin. Inni ammoo isaanitti garagalee isaan teedeffatee, «Isin Ayyaanni attamii akka isin irra jiru hin beettan; Ilmi Namaa lubbuu namaa fayyisu'uuf malee, balleessu'uuf hin dhufne» jedhe. Achiin maayessa isaan achii ka'anii gara qachaa biraa deeman. Isaanillee karaa irra uduu deeman namichi tokko Yesuusiin, «Gara ati deemtu maraa si faana deema» jedhe. Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla, Simbirti samii irra barartullee maandhee qabdi; Ilmi Namaa ammoo hulee mataa ufii itti irkifatuu hin qabu» jedheen. Nama biraatiinillee, «Na faana koottu» jedhe. Namni sun ammoo, «Gooftaa'a, duraan dursee abbaa kiyya akka awwaalu na hoffolchi» jedhe. Yesuus deebisee, «Du'aan du'aa ufii haa awwaaluu; ati ammoo deemii waan jeennata Rabbii lallabi» jedheen. Akkasuma namni biraallee, «Gooftaa kiyya, ani si faana deema; haata'uu ammoo duraan dursee worra kiyyatti akka nagaya dhaamadhu na hoffolchi» jedhe. Yesuus ammoo, «Eennullee dongoraa harkisa'aa harkatti qabatee ka uf duuba laalu jeennata Rabbiitiif hin malu» jedheen. Achiin maayessa Gooftaan namoota biraa torbaatamii lama muudee gara qacha'aa fi hulee ufii dhaqu'uuf ta'u maraa lama lama godhee isaan erge. Akkana isaaniin jedhe, midhaan haamamu gudda'a worri haamu ammoo diqqa'a. Kanaafuu abbaan midhaanii worra midhaan haamu gara maasa'aa akka ergu isa kadhadhaa'a. Deemaa, ani akka Hoolotaa Yayyii edduu isin erga. Korojoo, qaraciitii, kopheellee hin qabatinaa'a; eennuunillee kara'atti nagaya hin gaafatinaa'a. Hennaa mana tokko seentan duraan dursa'aatii, ‹Nageenni mana kanaaf haata'u› jedhaa'a. Namni nagaya keessan fudhatu yoo achi jiraate, nageenni keessan nama saaniif ta'a. Yoo fudhachuu baatan ammoo nageenni keessan isinii deebi'a. Hojjataa tokkoo mindaan waan barbaachisuuf waan isaan isinii kennan maraa nyaata'aa dhuga'aa manuma san keessa taa'aa'a malee, mana tokkoo gara mana biraa hin deeminaa'a. Qachaa dhaxxan marattuu yoo isin simatan, waan isaan isinii dhiyeessan nyaadhaa'a. Dhukkubsattoota achi jiran fayyisaa'a, ‹Jeennanni Rabbii gara keessan dhiyaatteerti› jedha'aanii. Haata'uu ammoo qachaa dhaxxan maratti yoo isin simachuu dhabaatan gara baada'aa baya'aatii, ‹Daaraa qachaa keessanii, luka keenna irraa hin dhadhayanna; haata'uu ammoo jeennanni Rabbii gara keessan akka dhiyaatte beekaa'a!› jedhaa'a. Ani akkana isiniin jedha, guyyaa murti'ii qachaa san irra worra Soodoomiitii hin salphata. Kurraazi, sii aanne'e, Beetasayidaa, sii aanne'e maalaleen isin keessatti ta'e, Xiroosii fi Siidoona'atti uduu ta'ee jiraatee uffata gufufaa uffatanii daaraa irra taa'anii silaa duruu agii galan. Haata'uu ammoo hennaan murti'ii, isin irra Xiroosii fi Sidoona'aa salphata. Atillee Qifirnaahoom haga sami'ii ol uf fuudhuu feetaa? gara asaabaa buuta. «Ka isin dhagayu ana dhagaya; ka isin dide na dida; ka ana didellee ka na erge dida.» Namoonni torbaatamii lamaa gammachu'uun gara isaa deebi'anii, «Gooftaa keenna!, maqaa keetiin jinniinillee nuuf ajajame» jedhaniin. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Seexanni akka bakakka'aatitti hennaa sami'ii gadi bu'u arge. Bofaa fi buutii akka irra ijjattan hunna diina maraa irratti baallii isinii kenneera. Wonti isin miidhu womtuu hin jiru. Haata'uu ammoo ayyaanni battiin waan isinii ajajameef hin gammadinaa'a; maqaan keessan ammoo waan sami'itti barreeffameef gammadaa'a.» Hennaa san Yesuus gammachuu Ayyaana Woyyu'uutiin guuttamee, Abbaa Gooftaa ardi'ii fi sami'ii kana ogeeyyi'ii fi beettota jalaa dhossitee daa'immaniif waan ibsiteef si galateeffadha. Ee Abbaa fedhiin kee afoo keetitti akkana waan ta'eef. «Maruu abbaa kiyya irraa naa kennameera. Ilmillee eennuun akka ta'e abbaa malee ka beeku hin jiru. Abbaan eennu akka ta'e ilmaa fi ka ilmi isaa ibsu'uuf fedhu malee ka beeku hin jiru» jedhe. Achiin maayessa gara darasoota ufii garagalee hojja isaaniititti, «Ijji waan isin argitan argitu ta eebbifamte. Akkana isiniin jedha, raattonninii fi mootoleen hedduu waan isin argitan argu'uuf, waan isin dhageettan dhagayu'uuf halchanii garuu argu'uu fi dhagayuu hin dandeenne» jedhee isaanitti hime. Beekaan seera Muuse'ee tokko waan Yesuus jedhu laalu'uuf ol ka'ee, «Barsiisaa'a, jiruu bara baraa argachu'uuf maal godhuu na barbaachisaa?» jedheen. Yesuus deebisee, «Wonti Seera Muuse'ee keessatti barreeffame maali'i? attamitti dubbiftee hiitta?» jedheen. Innillee deebisee, «Waaqa Gooftaa kee qalbii kee guutu'uun, lubbuu kee guutu'uun, hunna kee guutu'uun, yaada kee guutu'uun jaaladhu, ‹Akkuma uf jaalattutti goshoo keellee jaaladhu› jedheen. Yesuusillee dhugaa deebifte, kana godhi lubbu'uun jiraattaa» jedheen. Inni ammoo qajeelaa uf godhuu fedhee, Yesuusiin, «Goshoon kiyya eennu inni» jedhee gaafateen. Yesuus deebisee akkana jedhe, «Namichi tokko Yeruusaaleemiin irraa gara Yaarikoo bu'ee shiftootaan qabame. Isaan ammoo uffata irraa mulqanii, tumanii, du'aa fi jireenna jiddu'utti isa dhiisanii deeman. Gadichi tokko dimmaa karaa saniin uduu deemu isa argee, irraa goree lufe. Akkasuma namni gosa Leewwi'ii tokko gara hulee sanii dhufee, hennaa namicha arge, irraa goree lufe. Namichi Samaariya'aa tokko ammoo, deemaa gara isaa dhufee, hennaa isa arge hin gaddeef. Itti dhiyaatee, madaa isaatitti zayiti'ii fi daadhii woyini'ii dibee hidheefi; achiin maayessa harree ufii irra kaayee, gara mana keessummaan bultuu isa geessee, achitti gargaare. Bariisaa san saantibii lamaa baasee namicha mana keessumma'aa eegutti kennee, ‹Ittiin gargaar; hennaa karaa kana deebi'u, kanaa olillee yoo baafte, sii kenna› jedheen. Achiin maayessa Yesuus, «Jara sadiin kana keessaa, namicha shiftootaan miidhame saniif akka obboleessaatitti ka isa gargaare kamiin sitti fakkaata?» jedheen. Innillee, «Namicha waan mishaa godheef san» jedhee deebise. Yesuusillee, «Atillee deemii, akkasuma godhi» jedheen. Uduu deema'aaran, Yesuus gara gandattii takkaa seenee, dubarttiin Maartaa jedhamtu takka mana ufiititti isa simatte. Isiinillee obboleettii Maariyaam jedhamtu qabdi. Maariyaam ammoo dubbii isaa dhagayu'uuf luka Yesuusii jala teette. Maartaan ammoo waan hujiin itti guddateef jaatanooftee, gara isaa dhiyaattee, «Gooftaa kiyya! obboleettiin tiyya na gargaaruu diddee yoo ani hojja kiyyatti hojjadhu garaa si nyaadhuu? kanaafuu akka na gargaartu itti himi» jetteen. Yesuusillee deebisee, «Maartaa, Maartaa! Ati waan hedduu yaada'aa dhiphatta, Ka barbaachisu ammoo waan diqqoo yookiin waan tokko. Maariyaam hiree mishaa filatteerti isii irraa hin fudhatamu» isi'iin jedhe. Yesuus hulee takkatti faateffata'aa tureeti, Hennaa faatee fixe, darasoota keessaa tokko, «Gooftaa keenna! Yohaannis darasoota ufii akka barsiise akka faateffannu nu barsiisi» jedheen. Innillee hennaa faateffattan akkana jedhaa'a, Abbaa keenna ka samii jirtu maqaan kee haa woyyoomu, jeennanni tee haa dhuftu, fedhiin kee akkuma samii irratti taate akkasuma lafa irrattillee haa taatu. Nyaata nu barbaachisu guyyama guyya'aan nuu kenni. Akkuma nu worra nu yakkaniif dhiifne, yakka keennallee nuu dhiisi. Hamaa jalaa nu baasi; ataabe'etti nu hin galchin. Inni akkana isaaniin jedhe, «Isin keessaa namni hiriyyaa qabu tokko, halkan wodhakkaa gara hiriyyaa ufii san dhaqee, ‹Jaalalloo kiyya mee buddeena sadihii naa liqeessi, Hiriyyaan kiyya tokko imala deema'aa natti gore, ani waan isaa kennu dhabe› yoo jedhe, Hiriyyaan isaa sun deebisee, ‹Amma balbala cufadheera na hin rakkisin ijjoolleen tiyyallee na woliin rafteerti ka'ee sii kennuu hin danda'u› jedhaanii? Ani akkana isiniin jedha, jaalalloo waan ta'eef hennaa san ka'ee kennuufii yoo baatellee waan kadhatee dhiisuu dideef ka'ee waan inni barbaadu maraa kennaaf» jedhe. Anillee akkana isiniin jedha, Kadhadhaa'a isinii kennamaa, barbaada'a hin argattanii; balbala dhadhaya'a isin jalaa banamaa. Namni kadhatu maruu hin argata. Ka barbaadullee hin argata, ka balbala dhadhayuufillee jalaa banama. Isin keessaa ka abbaa ta'e, ilmi isaa yoo xoroshoo isa kadhate ka dhakaa kennu eennu? yoo inni Qurxummii kadhate ka bofa kennuuf eennu? Yookiin yoo inni kallee kadhate buutii kennaafii? Eegasuu isin hammeeyyii taatanii ijoollee teessaniif kennaa mishaa kennuu yoo ka beettan ta'e, abbaan keessan ka sami'ii worra faateffataniif attamitti Ayyaana Woyyuu caalchisee isaanii hin kennineef ree? Gaaf tokko Yesuus nama jinniin dhayee dubbachuu dhoogge keessaa jinnii baasa'aa ture. Jinniinillee haga keessaa bayeen maayessa namichi duudaan sun dubbannaan baniin hin maalalfate. Haata'uu ammoo isaan keessaa namoonni gari gariin, «Inni hunna Bi'elzeebulii bulchaa jinni'iitiin jinnii baasa» jedhan. Kuuwwanillee isa ataabu'uuf samii irraa malkata akka isaanitti mudhisuu soqa'a turan. Innillee yaada isaanii beekee «Mootummaan wol qoqqooddu maruu hin baddi; maatiin tokko yoo wol qoqqoode akkasuma hin diiggama. Maarre Seexanni wol mormee yoo gargar ufi foyye, mootummaan isaa attamiin dhaabatuu dandeetti? waan isin anaan, «Inni hunna Bi'el Zebuliitiin jinnii baasa jettaniif» jedhe. Ani Bi'eelzeebuuliin jinnii ka baasu yoo ta'e ijoolleen teessan maqaa eennuutiin jinnii baasan? Kanaafuu isaan isin irratti hin murteessan. Ani ammoo hunna Rabbiitiin yoo ka jinnii baasu ta'e, eegasuu jeennanni Rabbii gara keessan dhufteerti. Namni jabaan sibiilaa fi wontee qabatee, dallawwa ufii yoo eege qabeenni isaa hin tuqamu. Ka isa caalu dhufee yoo isa injifate ammoo waan inni itti amanatee ture wonte'ee fi woraana irraa fudhata, qabeenna isaallee irraa fudhata. Namni gara kiyya hin taane na morma. Namni na biratti wolitti hin qabanne hin bintinneessa. Ayyaanni hamaan nama keessaa hennaa baye, hulee hara itti baafatu soqa'aa gara lafa bisaan hin jirree dhaqa; yoo dhabe ammoo, ‹Gara mana kiyya ka keessaa bayetti deebi'a› jedha. Hennaa deebi'u mana duwwaa ta'ee haxaawamee bareedee qophaaye argata. Achiin maayessa ayyaanni hamaan sun deemeeti worra isa irra hamaa ta'an ayyaanota hamoota biraa torba ka isa caalaa hamaa ta'an qabatee deebi'ee itti gala. Haalli nama saniillee ka duraa caalaa badooma. Yesuus kana uduu dubbata'aaru, banii keessaa intalti takka laagaa isi'ii ol kaaftee, «Gadaamessi si baateef harmi ati hoote ka eebbifame» jetteen. Inni deebisee, «Worra dubbii Rabbii dhagayee ajajamu caalaa ka eebbifame!» jedhe. Hennaa gumiin hedduu wolitti qabame Yesuus akkana isaaniin jechuu jalqabe, Dhaloonni kun dhaloota hama'a, isaan malkata gaafatan, malkata raatticha Yoonaasii malee, malkanni biraa hin kennamuuf. Akkuma Yoonaas banii Nanawe'eetii malkata ta'e; akkasuma ammoo Ilmi namaa dhaloota kanaaf malkata ta'a. Mootittiin Azeeb dhaloota kana woliin kaatee isaanitti murteessiti. Isiin ogummaa Salamoonii dhagayu'uuf daangaa biyya lafaatii waan dhufteertuuf. Ka Salamooniin caalu kunoo as jira. Namoonni Nanawe'ee dhaloota kana woliin ka'anii isatti murteessan. Lallaba Yoonaasiitiin aagii waan galaniiraniif kunoo ka Yoonaasiin caalu as jira. Ifaa ibsanii gombisaa jala hin kaayan. Hulee nama mana keessa jiru maraaf ifu baattuu ibsa'aa irra kaayan malee. Ifti nafa keetii ija; yoo ijji tee fayyaa taate, nafti kee maruu ifaa ta'a; ijji tee dhibamtuu yoo taate ammoo, nafti kee maruu dukkana ta'a. Kanaaf ifni si keessa jiru dukkana akka hin taane uf eeggadhu. Eegasuu nafti kee maruu ifaan guuttamee huleen takkallee yoo hin dukkanoofne akka waan ifaan tokko ifa ufii sii ibsa'aaruutitti nafti kee maruu ifaa ta'a. Yesuus waan kana uduu dubbataa jiru, Fariisichi tokko akka inni isa woliin hurbaata nyaatu'uuf gara mana ufii isa waame; innillee mana isaa dhaqee taa'e. Fariisichi sun akka inni nyaataan dura harka ufii hin dhiqanne argee maalaleen. Gooftaanillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Isin Fariisonni sabaree itti dhuddanii fi qorii itti nyaattan duuba isaa hin qulqulleessitan; keessi keessan ammoo saamaa fi hammeennaan guuttameera. Isin worra gurraan hin dhagenne! Rabbiin gubbaa uume keessa hin uumnee? Isin garuu waan sabaree fi qorii keessa jiru hiyyeeyyi'iif kennaa'a. Yoo san wonti maruu isinii qulqullaayaa. Haata'uu ammoo isin Fariisonni urgoo caarotaa fi ashaakiltii maraa irraa kurnaffaa waan kafaltaniif murtii qajeela'aa fi jaalala Rabbii waan tuffattaniif isin anne'e! Haata'uu ammoo, waan kaawwanillee uduu hin dhiifne kana godhu'utu isin barbaachisa. Isin Fariisota mana sagadaatitti barcumma kabajja'aa, gabaya'attillee akka nagaya isin gaafatan waan jaalattaniif isin hobbaasi. Isin fakkeessitoota barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisonni, awwaala soodduu hin qabne ka namoonni uduu hin beekin irra deeman waan fakkaattaniif isinii aanne'e!» Beekaa seeraa keessaa tokko, «Barsiisaa'a, ati hennaa kana dubbattu bee nullee arrabsa'aarta» jedheen. Yesuus deebisee, «Barsiisota Seera Muuse'ee isin aanne'e! Isin ba'aa ulfaataa rakkisaa dudda namootaatitti baachiftan, ufii ammoo qubaanillee hin tuxxan. Awwaala raattotaa ka abboonni keessan ajjeesan waan hojjattaniif isinii aanne'e. Kanaafuu isin waanuma abbootiin keessan hojjatan san gargaara'aa dhugaa taasiftan. Isaan raattota ajjeesan, isin ammoo awwaala isaanii midhaassitan. Sababaa kanaaf Rabbi ogummaa isaatiin, «Ani raattootaa fi ergamoota isaanitti erga. Namoonni sunillee isaan keessaa gari garii hin ajjeesan, kaawwan ammoo hin ari'an» jedhe. Maarre dhaloonni kun dhiiga raattota maraa urga adunyaan uumamte irraa jalqabee dhangala'e maraafuu hin gaafatama. Kana jechuun, dhiiga Abeelii irraa jalqabee haga dhiiga Zakkaariyaasii ka hulee ciinca'aatii fi mana woyyuu wodhakka'atti ajjeefame saniifillee hin gaafataman. Ee Ani isiniin jedha, dhaloonni kun maruu hin gaafatama. Isin beettonni seeraa, furtuu balbala beekkumsaa waan fudhattaniif isin aanne'e! Ufii hin seenne, worra seenu'uuf ta'ullee hin dhooggitan. Hennaa san namoonni waan heddu ta'aniif, gumiin heddu haga wol irra ijjatutti wol gayanii uduu jiran, darasoota ufiitiin akkana jechuu jalqabe, Duraan dursa'atii raacitii Fariisotaa, jechuun uftuulummaa isaanii irraa uf eegaa'a. Haata'uu ammoo wonti golgame uduu hin mudhanne, ka dhokate uduu hin beekkamne hafu hin jiru. Kanaaf ka dukkana keessatti dubbattan maruu, ifatti dhagayama, ka gola keessatti gurratti hasaaftan raasaa irratti lallabama. «Isin jaalalloota tiyya akkana isiniin jedha, worra isin ajjeesan san caalaa ammoo worra womaa godhuu hin dandeenne hin sodaatinaa'a. Ani ammoo waan sodaattan isinitti hima. Ka haga ajjeeseen maayessa gara asaabaa gatu'uuf baallii qabu sodaadhaa'a! Handariin shanii saantibii kudhanitti gurguramtii mii? Isaan keessaa tokkottiinnillee Rabbiin afo'otti hin irraanfatamtu. Rifeensi mataa keessaniituu uduu hin hafin laakkayameera. Maarre handarii hedduu san waan caaltaniif hin sodaatinaa'a!» «Ani akkana isiniin jedha, ka nama afo'otti ragaa naa bayu maraafuu, Ilmi namaallee maleekkota Rabbii afo'otti ragaa bayaaf. Ka nama afo'otti na ganu, maleekkota Rabbii afo'otti hin ganama. Nama Ilma namaa arrabse maraafuu hin dhiifama. Ka Ayyaana Woyyuu arrabsee ammoo hin dhiifamu. Hennaa gara mana sagada Yihuudotaa, gara ajajootaa fi bulchootaa isin harkisan, attamitti yookiin maal akka deebiftaniif hin yaadinaa'a. Ayyaanni Woyyuun hennama san waan dubbatuu qabdan isin barsiisa» jedhe. Gumii keessaa namni tokko, Yesuusiin, «Barsiisaa'a, dhaala abbaa keennaa, akka naaf qoodu obboleessa kiyyatti himi» jedheen. Yesuus deebisee, «Namicha nana, isin irratti murteessa'aa fi ka dhaalchisu akka ta'u eentu na muude?» jedheen. «Jireenni namaa guddinna qabeennaatiin waan hin taaneef, uf eegadhaa'a, dhara maraa irraa uf eegaa'a» isaaniin jedhe. Achiin maayessa Yesuus isaanitti mammaakee, «Qonni namicha dureessa tokkoo sanyiin isaa guddisee toleef. Inni ‹Midhaan kiyya bakka itti galfadhu dhabeeraa maal godhuu?› jedhee garaa ufii keessatti yaade. ‹Akkana godha› ‹Gootaraa kiyya diigee ka biraa ka caalu ijaara. Achitti eebba kiyyaa fi midhaan kiyyallee galfadha. Achiin maayii ufiin, lubbuu tiyyaanillee, ati lubbuu tiyya eebba guddaa bara hedduuf sii gayu waan qabduuf, harabaafadhu, nyaadhu, dhugi, gammadi› jedha. Rabbi ammoo, ‹Ati cem'aaleessa nana halkan kana lubbuu kee si keessaa fuudhu'uuf soqaaranii, ka wolitti kuufatte kun ka eennuu ta'a?› jedheen. Namni qabeenna ufiif tuulatu ka Rabbiin biratti dureessa hin taane akka kana ta'a.» Darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Jireenna keessaniif maal nyaanna yookiin nafa keessanitti maal uffanna jettanii hin yaadinaa'a. Jireenni nyaata irra, naftillee uffata waan caaluuf. Harraageyyii laalaa, hin facaafatan, hin haamatan, mi'a manaa yookiin gootaraa hin qaban. Rabbi ammoo isaan hin nyaachisa. Isin hoo simbirran hin caaltanii? Isin keessaa yaaddayee hojjaa ufii irratti ka ciqilee takkattii eda'uu danda'u eennu? Eegasuu waan diqqoo tana ka hin dandeenne yoo taatan maaliif waan biraatiif yaaddoftan? Abaaboon akkamitti akka guddatan laalaa. Hin dadhaban jirbii hin fooyan. Haata'uu ammoo Salamoonuu, ulfinna kana maraa uduu qabu, kanniin keessaa akka tokkootitti hin uffanne. Rabbi ammoo Abaaboo raasa'aa mudhatu ka adha jiru ka boru gara ibidadatitti gatamu marga raasa'aa akkana yoo ka uwwisu ta'e, isin worra amantaa dhidhu'uu! Isin silaa attamitti kanniin caalaa isinitti hin uwwifne ree? «Isin ‹Maal nyaanna? Maal dhunna?› jedha'aa hin yaaddayinaa'a. Kanniin maraa worri adunyaa irra jiran worri Yihuudota hin taane waan soqaniif, Abbaan keessan ka samii jiru, kun maruu akka isin barbaachisu hin beeka. Haata'uu ammoo, jeennata Rabbii soqaa'a, kun maruu isinii eda'ama.» Isin gumii diqqoo'o, abbaan keessan jeennata isinii kennu'uuf fedhii mishaa isaa waan ta'eef hin sodaatinaa'a. Qabeenna keessan gurgura'aatii worra hiyyeeyyi'ii kennaa'a. Hulee hattuun itti hin dhiyaanneef bakka xiinxanaan hin balleessinetti qabeenna hin dhumanne ka sami'iititti korojoo hin moofnetti ufiif kaayadhaa'a. Hulee qabeenni keessan jiru yaanni keessanillee achi waan jiraatuuf. Garboonni gooftaan isaanii hennaa dhufu uduu hojjatan ka arguun, isaan worra eebbifame. Dhugamaan isiniin jedha, marxifatee isaan teessisee ufii dhaabatee isaan nyaachise. Hojjattoonni hennaa gooftaan isaanii halkan qixxee dhufee, isaanii dammaqaniranii isaan argu sunniin worra eebbifame. Kana ammoo beekaa'a, abbaan manaa sa'aatii hattuun itti dhuftu uduu beekee, silaa hattuun mana isaa akka qottu itti hin dhiisu. Isin ammo qophaaya'aa jiraadhaa'a. Ilmi namaa sa'aatii isin hin qaabannetti waan dhufuuf. Pheexroos, Gooftaa kiyya, mammaaka kana nuuf moo yookiin maraafuu dubbata'aarta? jedhee gaafateen. Gooftaan akkana jedhee deebiseef, Eegasuu, «Hojjataan amanamaa fi ogeessi, ka gooftaan isaa nyaata isaanii henna'aan akka kennuufiif jedhee gooftaan hojjattoota ufii irratti isa muudu eennu? Hojjataan gooftaan isaa deebi'ee hennaa dhufu uduu inni hojjatu arguun sun eebbifama'a. Ani dhugamaan isiniin jedha waan qabu maraa irratti isa muuda. Garuu yoo hojjataan sun yaada ufii keessatti, ‹Gooftaan kiyya dafee hin dhufu› jedhee yaadee nyaata'aa, dhuga'aa maachaya'aa, hojjattoota dhiiraatii fi dubartoota isa woliin hojjatan tumuu yoo jalqabe, Gooftaan hojjataa sanii guyyaa inni hin eeggannee fi hennaa inni hin beenneetti dhufa. Bakka lamatti isa baqqassa hiree isaallee worra hin amanamne woliin taasisa. Hojjataan fedhii Gooftaa ufii beekee, hin qophoofneef akka fedhii isaa ka hin goone sun guddisee tumama. Ka waan isa tumsiisu hin beenne ammoo, uduu hin beenne yoo hojjate diqqoo tumama. Nama wonti guddaan itti kenname irraa waan guddatu barbaadama; Yaboon guddaan ka itti kenname irraallee waan guddatu barbaadama» jedhe. «Ani lafa irratti ibidda buusu'uuf dhufeera Amumaa uduu daddafee naa qabatee attam na tolaa! Haata'uu ammoo cuuphaa cuuphamuu na baarbachisu tokkotu jira; haga inni raawwatamuuf akka malee dhiphadha? Isin waan ani lafa irratti nagaya fidu'uuf dhufe isinitti fakkaataa? Akkasii miti; gargar bayi'insa fidu'uuf dhufe malee. Ammarraa jalqabee mana tokko keessatti maatii shantu jiraata. Sadiin lama irratti lamaan sadiin irratti ka'anii addaan fooyaman. Abbaan ilma ufii irratti, ilmi abbaa ufii irratti, haati intala ufii irratti, intalti haadha ufii irratti, soddaatiin intala ilmaa irratti, intalti ilmaallee soddaatii irratti ka'anii gargar bayan» jedhe. Yesuus banii saniin deebi'ee akkana jedhe, «Hennaa duumessi dhiyaa bayu yoo argitan yomasan, ‹Roobni hin rooba› jettan akkasuma hin rooba. Bubbeen gara bita'aatii yoo bubbise, ‹Bona ta'a› jettan akkasuma hin bona. Isin fakkeessitoota akkaataa qilleensa lafaatii fi sami'ii laaltanii beettan. Haata'uu ammoo maali'iif hiikkaa bara kanaa himuu dadhabdani ree?» «Isin wonti qajeellumma'aan hin murteessineef maali'ii? Ka si himate woliin gara mana murti'ii hennaa deemtu, gara abbaa seeraa uduu si hin finne abbaan seeraallee worra hidhutti dabarsee uduu si hin kennine worri hidhullee akka si hin hiine karaa irra uduu jirtu ka si himateen wolitti araaramuu yaali siin jedha. Ani sitti himaa saantibiin tokkittiin uduu sirratti hin hafne haga kafaltutti achii horomaa hin baatu.» Hennaa san namoonni gara Yesuusii dhufanii, namoonni Galiila'aa hennaa ciincaa dhiyeessan, Philaaxoos isaan ajjeesee dhiiga isaanii ciincaa isaan Rabbiif dhiyeessan woliin wolitti make jedhanii Yesuusitti himan. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Namoota Galiila'aa kanniinitti wonti kun wonti isaan irra gayeef, namoota Galiilaa maraa caalaa cubbamoota waan ta'aniif isinitti fakkaataa? Wa'a! Ani isinitti hima akkasii miti, Haata'uu ammoo, isin maruu cubbuu irraa deebitanii yoo aagii hin galle hin baddan. Namoota kudha saddeetii ka Saalihoomitti dalloofni dhaga'aa isaanitti jigee ajjeese sun namoota Yeruusaalemiin keessa jiraatan caalaa cubbamtoota isinitti fakkaataa? Ani isinitti hima akkasii miti, Haata'uu ammoo isinillee cubbuu keessan irraa deebitanii aagii yoo hin galle isin maruu akkasuma baddan» isiniin jedha. Innillee akkana jedhee mammaaka kanaan isaanitti dubbate. Nama ashaakiltii woyinii keessatti muka hurbu'uu dhaabate tokkotu jira. Sanyii irraa argadha jedhee laaluuf dhufe; garuu womaa irratti hin argine. Innillee hojjataa ashaakiltii woyini'iitiin, ‹Muka hurbu'uu tana irraa sanyii fudhachu'uuf woggaa sadihiif deddeebi'aa ture. Haata'uu ammoo womaa irraa hin arganne. Muri, maaf lafa balleessitii?› jedheen. Inni ammoo deebisee, gooftaa kiyya shuqunee dikee itti buusaa woggattii tanaaf dhiisi. Uf afoo yoo daraarteef misha'a; yoo hin taane ammoo hin murta jedheen. Yesuus guyyaa Sambata diqqa'aa mana sagada Yihuudotaa tokkotti barsiisa'aa ture. Hennaa san dubartiin woggaa kudha saddeetiif ayyaana hama'aan qabamtee ta duddi isi'ii gad goge takkatu achi ture. Isiinillee waan gadi goddeef ol qajeeltee deemuu hin dandeettu. Yesuusillee hennaa isii arge gara ufii isii waamee, «Dubartii nana, ati dhibee kee irraa fayyiteerta» jedheen. Innillee harka ufii isii irra kaayee, isiinillee yomasan ol jettee qajeeltee dhaabattee Rabbiin galateefatte. Bulchaan mana sagada Yihuudota ammoo Yesuus Sambataan waan nama fayyiseef aaree, akkana jedhe, «Guyyoonni hujiin itti hojjatamuu barbaachisu jahatu jira. Kanaaf guyyoota sanniinitti kootta'aa fayyaa malee, guyyaa Sambataatiinii miti» jedhe. Gooftaanillee deebisee, «Isin fakkeessitoota nana, isin keessaa gari gariin guyyaa Sambataatiin qotiyyoo yookiin harree urgee okaya nyaatuu hiikee bisaan obaasu'uuf ka hin finne eennu? Intalti tun Fiixaa Abrahaamii taatee woggaa kudha saddeetiif ta jinniin hidhe guyyaa Sambataatiin hidhaa kana keessaa hiikkamuun isii hin barbaachisuu ree?» jedheen. Hennaa inni waan kana dubbate waan morman maruu saalfatanii waan maalalee isaan jiddu'utti godhame maraaf baniin maruu hin gammade. Achiin maayessa Yesuus, «Jeennanni Rabbii maal fakkaatti? Anillee maali'iin wol fakkeessa?» jedhee gaafate. «Jeennanni Rabbii gumaa sanaaficaa ka namni fuudhee maasaa ufii keessatti dhaabe fakkaatti. Isiinillee guddattee muka guddaa taate; simbirroonni sami'iillee dhuftee damee isi'ii irratti mana ijaaratti» jedhe. Yesuus ammallee akkana jedhee gaafate, «Jeennata Rabbii maaliin wol fakkeessa? Raacitii dubartiin takka fuutee daakuu kooboo sadihiititti safartee haga bukaawutti wolitti matte fakkaatti» jedhe. Yesuus hennaa gara Yeruusaalemii deemu qachootaa fi gandiin keessatti barsiisa'aa keessa lufa'aa ture. Namichi tokko, «Gooftaa kiyya, worri fayyan diqqo'oo mitii?» jedheen. Innillee akkana isaaniin jedhe, Balbala dhipha'aan ol seenu'uuf tattaafadhaa'a; ani isinitti himaa, namoonni hedduu seenuuf tattaafatan. Haata'uu ammoo seenuu hin dandeenne. Abbaan mana sanii balbala haga cufeen maayessa isin diida dhaabattanii, ‹Gooftaa Gooftaa nuu bani›! jedha'aa balbala dhayaa kadhattan. Inni garuu deebisee, ‹Eessaa akka dhuftan isin hin beeku› isaaniin jedha. «Isin ammoo hennaa san, ‹Nu si woliin nyaannee dhunneerra; gumii keenna irrattillee nu barsiifteerta› jechuu jalqabdan. Inni garuu deebisee, ani isin hin beeku, ‹Eessaa akka dhuftan isin hin beeku; isin worri hamaa hojjattan maruu narraa fagaadhaa'a› isiniin jedha. Hennaa Abrahaam, Yisihaaq, Yaaqoobii fi raattota maraa jeennata Rabbii keessatti argitan isin ammoo gara diidaa gatamtan, achitti booya'aa ilkaan qartan. Baya biiftu'uutii fi dhiya adu'uutii, bita'aa fi mirgaa namoonnillee hin dhufan. Jeennata Rabbii keessa taa'anii hurbaataa nyaatan. Worra maayessaa keessaa worri dura ta'an, worra duraa keessaallee ka maayessa ta'u hin jira». Hennaa san Fariisota keessaa gari gariin gara Yesuusii dhufanii, Heroodiis si ajjeesuu waan barbaaduuf asii bayii deemi jedhaniin. Innillee akkana isaaniin jedhe, «Dhaqa'aatii jeedalattii saniin, adhaa fi boru jinnii baasaa. Namoota dhukkubsatan hin fayyisa; guyyaa saddaffa'aatittillee hujii kiyya hin raawwadha jedha'aanii. Haata'uu ammoo, raattichi Yeruusaaleemiin alatti du'uun waan hin barbaachifneef, adha, boru yookiin haga iftaaniititti hin deema» isaaniin jedhe. «Yerusaaleem, Yerusaaleem! Ati raattota ka ajjeeftu, worra gara kee ergamanillee ka dhakaan tumtu! Akkuma lukkuun ilmoolee ufii koola ufii jalatti wolitti qabbattu, anillee ijoollee kee wolitti qabu'uuf hennaa meeqa barbaade, isin ammo hin diddan. Amma manni keessan ona ta'ee hafa. ‹Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame› haga jettanitti ammaa achi na hin argitan» jedhe. Guyyaa Sambataatiin, Yesuus hurbaataa nyaachu'uuf, gara mana bulchaa Fariisotaa keessaa gara mana nama tokkoo dhaqe; worri gaadu isa eega'aa turan. Hennaa san namichi garaan bokoke tokko isa afoo ture. Yesuus deebisee, «Guyyaa Sambata diqqa'aatiin nama fayyisuun eeyyamameera moo? hin eeyyamamne?» jedhee barsiisota Seeraatii fi Fariisota gaafate. Isaan ammoo hin cadhisan. Innillee namicha qabee fayyiseeti geegesse. «Isin keessaa namni harreen yookiin qotiyyoon isaa guyyaa Sambataatiin boollatti yoo jalaa bade ka hin baafne eennunni?» isaaniin jedhe. Isaan ammoo isaa deebii kennuu hin dandeenne. Inni worri waamaman hulee kabajja'aa akka filatan argee, mammaakaan akkana jedhee isaanitti hime. «Eennullee cidha yoo si waame hulee ulfinnaa hin taa'in. Maal laataa ka si caalaa kabajjamaa ta'e waan waamame jiruuf. Ka si'ii fi isallee waame dhufee, ‹Nama kanaa bakka gadi dhiis› yoo siin jedhe, hennaa san ati saalfata'aa hulee san gadi dhiiftee bakka gadi aanaa teetta. Haata'uu ammoo hennaa waamamte ka si waame dhufee, ‹Jaalatamaa kiyya, olbayi› akka siin jedhu ati ammoo hulee gadi'aantu taa'i. Hennaa san worra si woliin taa'an san maraa afo'otti ulfinna sii ta'a. Ka ol uf qabu maruu hin salphata. Ka gadi uf qabu ammoo hin kabajjama.» Yesuus namicha isa waame saniin akkana jedheen, Laaqana yookaan hurbaataa yoo qopheessite maal laataa harka naa deebisan jettee jaalalloota, Ilmaan haadhaa tee, aantota dureeyyii ollaa keetii hin waamin. Haata'uu ammoo hennaa affeerraa goote hiyyeeyyii, naafa, worra hokkoluu fi balloota waami. Isaan waan jasaa deebisan hin qabneef hin eebbifamta; hennaa qajeellonni du'aa ka'anitti sii deebi'a. Worra taa'an keessaa tokko kana dhagayee, «Jeennata Rabbiititti ka hurbaataa nyaatu'uuf taa'u ka eebbifame!» jedheen. Inni ammoo akkana jedhe, «Namichi tokko hurbaata guddaa godhee namoota hedduu waame. Worra sa'aatii hurbaata'aatitti waamamaniin, ‹Amuma qophaayeera koottaa'a› jedhee akka waamuuf garbicha ufii erge. Isaan martinuu sababaa adda addaa himachuu jalqaban. Ka duraa, ‹Lafa bitadheera, deemee laalladhaa, dhiifama akka naa gootu si kadha› jedheen. Ka biraa, ‹Qotiloota morma shanii bitadheera; isaan leenjisu'uuf deemaa; dhiifama akka naa gootu si kadha› jedheen. Ka biraallee, ‹Ani Waan dhiyoo fuudheef idaayya'a, kanaaf dhufee hin danda'u› jedheen. Hojjataan isaa sunillee achii deebi'ee waan kana maraa Gooftaa ufiititti hime. Hennaa san abbaan cidhaa aaree hojjataa isaa saniin, ‹Dafii ariifadhuu gara karaa badha'aa fi xurre'ee bayi, hiyyeeyyii, naafa, worra hokoluu fi balloota waami!› jedheen. Hojjataan sunillee, ‹Akka ati na ajajje godheera, ammallee huleen hin jirti!› jedheen. Gooftaanillee garbicha ufiitiin manni kiyya akka guutu, ‹Gara karaa badha'aa fi xurree baadiya'atti baasuu bayiitii akka seenan godhi! Ani akkana isiniin jedha, worra waamaman sanniin keessaa, namni tokkollee hurbaataa kiyya afaaniinillee hin qabu!› jedhe» jedheen. Gumiin hedduu uduu isa woliin deemaaru, Yesuus gara isaanii garagalee akkana isaaniin jedhe, Eennullee ka gara kiyya dhufuu fedhu yoo jiraate, abbaa fi haadha ufii, haadha manaa, ijoollee, Ilmaan haadhaa, Intallan haadhaatii fi jiruu ufiillee uduu hin hafne yoo hin jibbine, darasaa kiyya ta'uu hin danda'u. Eennullee fannoo ufii baadhatee na faanaa yoo hin deemne, darasaa kiyya ta'uu hin danda'u. «Isin keessaa namni mana dhaga'aan ijaaruu barbaadu, duraan dursee waan hujii san ittiin raawwatu ka taa'ee gatii hin herrenne eennuu? Yoo taanii ammoo jalqabee fixuu yoo dadhabe namoonni argan maruu, ‹Ila, namichi kun ijaarsa jalqabee fixuu dadhabe› jedhanii itti baldan. Yookiin mee mootiin tokko mootii biraatiin loluuf dhaqa haa jennuu, mootii loltoota kumaatama qabu tokko mootii loltoota kumaatamaan caalu qabu woliin lolu'uuf duulu tokko duraan dursee gad taa'ee ka hin mari'anne eennu? Yoo hin dandeenne ta'e ammoo mooticha isaan lolu'uuf ta'u saniin fagoo uduu jiru namoota ufii itti ergee araara kadhata. Akkasuma, eennullee isin keessaa qabeenna ufii maraa ka hin dhiifne darasaa kiyya ta'uu hin danda'u» jedhe. «Sooqqiddi waan misha'a, inni garuu mi'aa uf keessaa yoo hin qabaanne maali'iin mi'aaya ree? Faayidaa biraa hin qabu, lafaafillee kosii hin ta'u; gara raasa'aa gatama. Kanaafuu namni gurra dhagayu qabu haa dhagayuu!» jedhe. Gaaf tokko qaraxxoonninii fi cubbamoonni maruu Yesuusiin dhagayu'uuf gara isaa dhufan. Fariisonninii fi Barsiisonni Seera Muuse'ee, Kun cubbamoota simata, isaan woliin nyaata jedhanii itti guunguman. Yesuusillee mammaakaan akkana jedhee isaanitti hime. «Isin keessaa namni hoolota dhibbaa qabu tokko, sanniin keessaa hoolaan tokko yoo jalaa bade, sagaltamii sagal raasa'atti dhiisee ka isa jalaa bade san haga arguuf barbaadu'uuf ka hin deemne eennu? Hennaa arge ammoo gammadee gurmu'uti baadhata. Hennaa gara mana ufii gale jaalalloo ufiitiif, olloota ufii waamee, ‹Hoolaa tiyya ta badde waan argeef na woliin gammadaa'a!› hin jedha. Ani akkana isiniin jedha, akkasuma Woyyoota araarri isaan hin barbaachifne sagaltamii sagal irra cubbamaa aagii galu tokkoof sami'itti hin gammadan.» Yesuus itti aansee, «Dubartiin birrii kudhanii qabdu takka kudhan san keessaa saantibiin tokko yoo jalaa badde, ifaa ibsitee, mana ufii hartee haga argitutti midhaassitee hin sondhe eennu? Hennaa argite ammoo jaalalloo ufiitiif ollaa isi'ii waamtee, ‹Ani saantibii tiyya ta na jalaa badde waan argadheef na woliin gammadaa'a!› isaaniin jetti. Akkasuma cubbamaa aagii galu tokkoof sami'itti maleekkonni Rabbii hin gammadan.» Yesuus akkana jedhe, Namichi tokko ijoollee lama qaba. Isaan keessaa maandhichi abba'aan ‹Abbaa kiyya, birrii kee keessaa qooda kiyya naa kenni› jedheen, innillee birrii ufii isaanii qoode. Guyyaa hago'oon maayessa ilmi maandha'aa sun birrii wolitti qabatee gara biyya fago'oo deeme. Achiin maayessa birrii san hin fixe. Haga inni maraa fixeen maayessa, biyya sanitti beelli jabaan gale. Innillee rakkatuu jalqabe. Kanaafuu deemee namoota biyya sanii keessaa tokkotti irkate. Namichi sunillee akka inni booyyee isaa tissuuf tikaaf erge. Achitti hansaraa booyyonni nyaatan nyaatu'uuf kajeela'aa ture. Garuu isuma sanuu ka kennuuf hin jiru. Innillee haga qalbifatee yaanni galeef, mana abbaa kiyyaa garbooni buddeena nyaatanii isaan irraa hafu meeqa? Ani ammoo asitti beelaan du'a. Ka'ee gara mana abbaa kiyyaa deemee, «Abbaa kiyyaan, ani Rabbii fi si afo'ottillee yakka hojjadheera. Ani ammaa achi akka ilma keetitti laakkayamuu; hojjattoota kee keessaa akka hojjataa tokkootitti na laali jedhaani» jedhe. Innillee ka'ee gara abbaa ufii deeme. Abbaanillee uduu inni fagoo jiru argeenii gaddeefii, fiigee itti maramee ammatee dhungate. Ilmillee abbaa kiyya, ‹Ani Rabbii fi si afo'ottillee cubbuu hojjadheera. Ammaa achi ani ilma kee jedhamuun naaf hin malu› jedheen. Abbaan isaa garuu garboota ufiitiin akkana jedhe, ‹Ariifadha'aatii, uffata, uffata maraa caalu fida'aatii itti uwwisaa'a; quba isaatiif qubee, luka isaatiif kophee fida'aatii itti godhaa'a! Mirgoo coomaa fida'aa qalaa; haa nyaannuu haa gammannuu. Ilmi kiyya kun du'ee ture, Amma ammoo hin jira, badee ture amma ammoo argameera› jedhe. Isaanillee hin gammadan. Hennaa san ilmi hangafaa qonna keessaa dhufee, hennaa gara manaa dhiyaatu laagaa dibbe'eetiif sirbaa dhagaye. Hennaa san hojjattoota keessaa nama tokko ufitti waamee, «Kun maali'i?» jedhee gaafate. Innillee, ‹Obboleessa keetituu deebi'ee galeera; Abbaan kee, waan inni nagayaa fi fayya'aan galeef, mirgoo coomaa qale› jedheen. Innillee aaree manatti galuu dide. Kanaaf abbaan isaa gadi bayee kadhateen. Inni ammoo deebisee abba'aan, Ani woggaa haganaa akka garbichaatitti sii hojjadheera, waan ati naan jette keessaa womaa didee hin beeku; anaaf jaalalloota kiyya woliin akka gammadu ilmoo re'eellee naa hin kennine. Haata'uu ammoo ilmi kee ka birrii ufii beera seebartuu woliin nyaatee fixee hennaa dhufe mirgoo coomaa qalteef jedheen. Inni ammoo, ‹Ilma kiyya, ati hennaa maraa na woliin jirta wonti kiyya maruu keeti. Haata'uu ammo obboleessi kee kun du'ee ture; amma ammoo jiraataa ta'eera; badee waan argameef, guddifnee gammanna› jedheen.» Yesuus deebi'ee darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Namicha dureessa nama hujii ufii hojjachiisuu malu tokkotu ture. Namichi kun qabeenna kee bittinneesa'aara jedhanii dureessa sanitti himan. Dureessi sunillee isa waamee, ‹Wonti si irratti dhagayu kun maali? Duranaaf hojjataa kiyya ta'uu waan hin dandeenneef herrega hujii keetii naa dhiyeessi› jedheen. Hojjataan sunillee garaa ufii keessatti, ‹Gooftaan kiyya hujii keessaa waan na baasuuf maal naa woyya? Lafa qotu'uuf hunna hin qabu kadhachuullee hin saalfadha. Hennaa hujii tooyatu keessaa baye akka namoonni na simatan anuu waan godhu hin beeka› jedhe. Innillee worra liqaan goofta'aa irra jiru tokko tokkoon ufitti waamee, ka duraatiin, ‹Liqaan gooftaa kiyyaa hagamtu sirra jira?› jedhee isa gaafate. Innillee zayitii ottee dhibbaatitu narra jira jedheen. Galmee hoo'uu dafii taa'ii shantama jedhii mallatteessi jedheen. Maayessa ka biraatiinillee, ‹Ati liqaa meeqatu sirra jira?› jedheen. Innillee, ‹Qamadii qalqala dhibba› jedheen. ‹Galmee kana hoo'uu qamadii qalqala saddeettama jedhii mallatteessi› jedheen. Gooftaan tooyataa hin amanamnee sun mala inni dhayate saniif hin jajeen. Namoonni adunyaa tanaa worra akka isaanii woliin hajaa isaanii guuttachuu irratti namoota Rabbii caalaa qaro'o. Yesuus akkana isaaniin jedhe, kanaafuu qabeenna dharaa ka akkanaa ka adunyaa kanaatiin fira baafadhaa'a. Kana yoo gootan hennaa horiin sun isin jalaa dhumee harka duwwaa haftan, firri keessan jiruu bara baraa keessatti isin simatan. «Namni waan diqqo'oon amanamaa ta'e akkasuma waan gudda'attillee amanamaa ta'a. Namni waan diqqoo irratti hin amanamne, waan gudda'attillee hin amanamu. Eegasuu isin birrii biyya lafaa ka sobaa irratti yoo hin amanamne, birrii dhuga'aa eentu yaboo isinitti kenna ree? Birrii nama biraatiin yoo hin amanamne, birrii isiniif ta'u eentu isinii kenna ree? «Garbichi tokkochi gooftaa lamaa ta'uu hin danda'u, tokko jibbee, kaan jaalata; yookiin gara tokkoo siiqee. Ka lammaffa'aa irraa fagaata. Rabbii fi birri'ii qixa jiraachuu hin dandeettan.» Fariisonni worri birrii jaalatan waan kana maraa dhagayanii itti baldan. Innillee akkana isaaniin jedhe, «Isin namoota afo'otti qajeelaa uf gootan. Haata'uu ammoo Rabbi waan garaa keessan keessa jiru hin beeka. Ka nama biratti kabajjame, Rabbiin biratti battii waan ta'eef. Seerrinii fi raattonni haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti hojjata'aa turan. Hennaa san irraa jalqabee Oduun Nagayaa ka jeennata Rabbii lallabameera; namni maruu gara jeennataa galu'uuf jabaatanii tattaafatan. Haata'uu ammoo seera irraa qabxiin tokkittiin gatamuu irra, sami'ii fi ardiin badu'utu salpha'a. Haadha manaa hiikee ka ta biraa fuudhu maruu hin seebara. Namni dubartii abbaa manaa jalaa baate fuudhullee hin seebara. Namicha dureessa uffata diima'aa fi uffata haphii fuuttaa irraa hojjatame uffate tokkotu ture. Hennaa maraa qananii keessa jiraata. Karaa balbala mana isaa afoo hiyyeessa Ali'aazaar jedhamu ka nafti isaa marti mammadaayee ciccite tokkotu ture. Innillee hambaa nyaata dureessa sanii nyaatu'uuf kajeela. Sariinillee dhaxxee madaa isaa arraabdi. Namichi hiyyeessi sun hin du'e. Maleekkonni Rabbii Abrahaamiin bira fidan. Dureessi sunillee du'ee awwaalame. Uduu inni asaaba keessatti rakkata'aaru ol midhatee Abrahaamiin fago'ootti argee, Al'aazaariinillee Abrahaamiin biratti arge. Innillee laagaa isaa ol qabatee iyyee, ‹Abbaa kiyya Abirahaam naa araarami! Ani amma ibidda kana keessatti gubadhee waan rakkata'aaruuf, akka Ali'aazaar qubaan bisaan tuqee arraba kiyya naa qabbaneessuuf yaboo naa ergi› jedheen. Abrahaam ammoo akkana jedhee deebise, ‹Ilma kiyya, ati bara jireenna keetii waan mishaa akka argatte qaabadhu; Ali'aazaar ammoo akka rakkata'aa ture yaadi. Amma ammoo asitti isaa toleera, ati ammoo rakkata'aarta. Waan kana maraa keessatti asii achi gara keessan lufuuf worri barbaadan akka hin dandeenne ka achi jiranillee gara keenna akka hin ceene nuuf isin jiddu'utti qilee gudda'atu jira› jedhe. Dureessichillee akkana jedhee deebiseef, eegasuu ‹Abbaa, gara mana abbaa kiyyaa Al'aazariin akka naa ergitu si kadhadha. Ani obboleeyyan shan waan qabuuf, isaan ammoo gara hulee ani itti rakkata'aaruu kana akka hin dhufne inni dhaqee isaanii haa raguu› jedhe. Abrahaam ammoo, ‹Isaan Muuse'ee fi raattota waan qabaniif, isaanuma haa dhagayanii› jedheen. Achiin maayessa namichi dureessi, ‹Waa, abbaa kiyya Abrahaam, namni tokko du'aa ka'ee uduu dhaqee isaanitti himee ammoo cubbuu ufii irraa hin deebi'an› jedhe. Abrahaam ammoo, ‹Isaan Muuse'ee fi raattota yoo hin dhageenne, yoo namni tokko worra du'an keessaa ka'ellee hin amanan› » jedhe. Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Wonti nama gufachiisu tokko dhufuu hin oolu; haata'uu ammoo nama waan nama gufachiisu fidu sanii hobbaas! Worra didiqqaa kanniin keessaa tokko gufachiisu'uu mannaa dhagaan daaku'uu morma isaatitti hidhamee galaanatti gatamuu isaa woyya. Maarre isin uf eeggadhaa'a; obboleessi kee yoo si yakke, jabeessii gorsi yoo gaabbee cubbuu ufii irraa deebi'e dhiifama godhiif. Inni guyyaa keessa hennaa torba yoo si yakke, guyya'atti hennaa torba deebi'ee gara kee dhufee, ‹Gaabbee yoo dhiifama si gaafate› dhiisiif.» Ergamoonnillee Goofta'aan, «Amantaa nuu eda'i» jedhaniin. Gooftaanillee akkana isaaniin jedhe, «Amantaa diqqoo haga gumaa sanaaficii geettu uduu qabaattanii odaa kanaan, ‹Buqqa'ii gara galaanaatitti darbami› yoo jettan silaa isinii ajajama.» «Isin keessaa namni tokko garbicha lafa qotu yookiin ka horii tissu qaba haa jennuu. Inni hennaa qonnaa deebi'u, ‹Koottuu as taa'ii hurbaata nyaadhu!› eentu jedhaan? Garbicha saniin, ‹Nyaata naaf qopheessi, haga ani nyaadhee dhugee ka'utti marxifadhuu na tajaajili achiin maayessa atillee hin nyaattaa hin dhuddaa› jedhaanii mii? Garbichi sun ajaja kana waan godheef hin jajataanii? Maarre isinillee akkasuma waan ajajamtan maraa hennaa gootan, ‹Nu garboota bu'aa hin qabne; woma hojjachuu nu barbaachisu hojjanne› jedhaa'a!» isaaniin jedhe. Yesuus gara Yeruusaaleemii hennaa deemu, Galiila'aa fi Samaariyaa jidduu lufe. Hennaa inni gara ganda tokkoo seene, namoonni kudhanii ka dhibee gogaa kukkutuun qabaman Yesuusiin wolitti dhufan. Laagaa isaanii ol qabatanii, yabo'oo, «Gooftaa Yesuus nu maari!» jedhaniin. Yesuus hennaa isaan arge, «Dhaqa'aatii gadootatti uf mudhisaa'a!» isaaniin jedhe. Isaanillee achi uduu dhaqa'aaran fayyan. Isaan keessaa tokko akka fayye hennaa arge, laagaa guddaa'an Rabbiin galateeffata'aa deebi'ee dhufee, Kallacha isaatiin luka Yesuusii irratti kufee isa galateeffate. Inni sun nama Samaariya'aati. Yesuus akkana jedhee gaafate, «Namoonni kudhanuu dhibee gogaa kukkutu irraa qulqullaayaniiranii mii? namoonni sagalii meeti ree? Nama Yihuudii ka hin taane ka gosa addaa kana malee Rabbiin galateeffatu'uuf ka deebi'e tokkollee hin jiruu?» jedhe. Innillee isaan, «Amantaan kee si fayyiseera; ka'ii deemi» jedheen. Fariisonnillee jeennanni Rabbii yoom dhufti jedhanii hennaa isa gaafatan. Inni deebisee, «Jeennanni Rabbii akka namni eeguun hin dhuftu. Eennullee, ‹Ila, as jirti!› yookiin, ‹Achi jirti!› hin jedhu; sababaanillee jeennanni Rabbii isin jidduu jirti» jedhe. Achiin maayessa inni darasoota ufiitiin, «Hennaan isin guyyaa Ilma Namaa tokko argu'uuf hawwitan hin dhufa, isin garuu hin argitan. Isaanillee, ‹Kuunnoo achi jirti!› yookiin ‹Kunoo asi jirti!› isiniin jedhan. Isin ammoo hin dhaqinaa'a; faanallee hin deeminaa'a! Akkuma hangaasuun sami'ii gaditti falaqqisee biyya tokkoo haga biyya biraatitti ifuutitti, Ilmi namaa guyyaa sanitti akkasuma ta'a. Inni ammoo duraan dursee akka malee rakkatee dhaloota kanaan tuffatamuu barbaachisa. «Akkuma bara Nohii ta'e san bara Ilma namaallee ammoo akkasuma ta'a. Haga guyyaa Nohi markaba seenuutitti namoonni nyaata'aa, dhuga'aa, fuudha'aa heeruma'aa turan. Bisaan badi'ii dhufee maraa balleesse. Akkuma bara Looxii ta'e nyaataa, dhugaa, bitata'aa gurgura'aa, midhaan facaafata'aa, manallee ijaarata'aa turan. Gaafa Looxi Soodoomii baye ammoo samii irraa ibiddi dhaka'aa ka bobayutu roobee isaan maraa balleesse. Guyyaa Ilmi Namaa dhufullee akkasuma ta'a. «Guyyaa san namni gamoo gubbaa jiru mi'a isaa ka mana keessa jiru fudhachu'uuf gad hin bu'in. Akkasuma namni qonna keessa jiru gara mana ufii hin deebi'in. Haadha manaa Looxii qaabadhaa'a! Namni lubbuu ufii fayyisuu fedhu maruu hin balleeffata. Namni lubbuu ufii balleessu maruu hin oolfata. Ani isinitti himaa halkan san namoonni lamaan itillee takkattii irra rafan; isaan keessaa tokkochi hin fudhatama, ka lammaffa'aa ammoo hin hafa. Dubartoonni lamaan bakka tokkotti midhaan daakan takkattiin hin fudhatamti, ta lammaffa'aa ammoo hin hafti. [Namoonni lamaa qonna keessa taa'an, tokko hin fudhatama, ka lammaffa'aa ammoo hin hafa]» Isaanillee deebisanii, «Gooftaa keenna! Garamitti?» jedhanii isa gaafatan. Innillee, «Bakka randhi jirutti rumichi wolgaya» jedhee isaanii deebise. Yesuus uduu hin hifatin hennaa maraa akka faateffatan mammaaka akkana jedhee isaanitti hime. Qachaa takka keessa «Abbaan seeraa ka Rabbiin hin sodaanne, ka namallee hin kabajjine tokkotu jira. Qachaa san haadha hiyyeessaa takkatu jira. Isiinillee gara isaa dhuftee, ‹Falmii kiyya ka namaan wol himane san naa murteessi› jedha'aa turte. Isiin guyyaa hedduu isatti deddeebitee, inni ammoo murtee isi'ii kennuu hin barbaanne. Achiin maayessa ammoo inni yaada ufii keessatti, ‹Yoo Rabbiinillee hin sodaanne, namallee hin saalfanne, Haati hiyyeessaa tun waan na dadhabsiiftuuf hennaa maraa dhufa'aa akka na hin rakkifne hin murteessaaf› » jedhe. Gooftaanillee akkana jedhe, Eegasuu «Waan abbaan seeraa hamaan sun jedhe dhagayaa'a! Rabbi ammoo worra isaaf filataman ka halkanii fi guyyaa gara isaa iyyaniif murtii qajeelaa hin murteessuufii ree? Ani isinitti hima, inni dafee murteessaaf. Haata'uu ammoo, Ilmi Namaa hennaa dhufu amantaa lafa irratti argaa laata?» jedhe. Yesuus namoota qajeellummaa ufiititti amanan worra kaawwan ammoo guddisanii worra tuffatan akkana jedhee mammaakaan kana itti hime. Namoonni lamaan faateffachu'uuf gara mana woyyu'uu dhaqan. Isaanillee tokko Fariisicha kuun ammoo ka qaraxa guuru. Fariisichi ka'ee dhaabatee waan yaada garaa ufii akkana jedhee faateffate. ‹Rabbii kiyya, ani akka namoota kaawwanii akka worra saamtotaa, hamootaa, worra seebaru, yookaan akka namicha qaraxa guuruu kana waan hin taaneef si galateeffadha. Torbaan keessatti guyyaa lama sooma, waan argadhu maraa irraa kudhan keessaa tokko kennaa kenna› jedhe. Namichi qaraxa guuru sun ammoo fagoo dhaabatee ija ufiitiin gara sami'ii ol laaluu sodaatee, ‹Waaqa kiyya! Ani nama cubbama'a naa araarami!› jedhee laphee ufii dhaya'aa ture. Ani akkana isiniin jedha. Namicha fariisicha san irra namichi qaraxa guuru sun Rabbiin afo'otti qajeelaa ta'ee gara mana ufii deebi'e, namni ol uf qabu maruu hin salphata. Namni uf salphisu ammoo hin kabajjama. Namoonnillee akka inni harka ufiitiin qaqqabee isaan eebbisuuf daa'imman gara Yesuusii fidan. Darasoonni isaa ammoo waan kana arganii, xixanii isaan dhooggan. Yesuus ammoo daa'imman gara ufii waamee, daa'imman gara kiyya akka dhufan dhiisa'aanii hin dhoogginaa'a, Jeennanni Rabbii worra akkanaa kanniiniif waan ta'eef. Ani dhugamaan isiniin jedha, eennullee jeennata Rabbii akka daa'imaatitti ka hin fudhanne, sirimaa hin galu» jedhe. Bulchoota keessaa tokko, «Barsiisaa arjaa'a, jiruu bara baraa argatu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» jedhee isa gaafate. Yesuusillee, «Maaf arjaa naan jetta? Rabbii tokkicha malee, namni arjaan tokkollee hin jiru. Ati seera, ‹Hin seebarin, hin ajjeesin, hin hatin, dharaan hin ragin, Abba'aa fi haadha kee kabajji!› jedhu hin beetta» jedhe. Namichillee deebisee, «Ani waan kana maraa ijoollummaa kiyya irraa jalqabee eegeera» jedhe. Yesuusillee waan kana dhagayee, «Ammallee waan tokkotu si hafa. Waan qabdu maraa gurguriitii hiyyeeyyi'ii kenni, Sami'itti hin duroomtaa. Koottuu na faana deemi!» jedhe. Inni ammoo haga kana dhagayeen maayessa dureessa waan ta'eef, guddisee gadde. Yesuusillee akka inni guddisee gadde argee, akkana jedhe, «Worra dureeyyi'iif, jeennata Rabbii galuun attamitti rakkisa'a! Dureessi gara jeennata Rabbii galuu irra, gaalli qaalawa limmo'oo keessa hulluuqutu irra salpha'a» jedheen. Worri waan kana dhagayan, «Eegasuu eentu fayyuu danda'a ree?» jedhan. Inni ammoo, «Wonti namaaf hin danda'amne Rabbiif hin danda'ama» jedhe. Pheexroosillee, «Kunoo, nu waan maraa dhiifnee sifaana deemneerra» jedheen. Innillee, «Ani dhugamaan isiniin jedha, namni waan jeennata Rabbiitiif jedhee, mana ufii, maatii ufii, obboleeyyan ufii, haadhaa fi abbaa yookiin ijoollee ufii ka dhiise, Bara kanaaf adunyaa dhuftutti eennullee ka dachaa hin arganne hin jiru» isaaniin jedhe. Yesuus kudha lamaanuu gara ufii waamee, akkana isaaniin jedhe, «Amma gara Yeruusaalemii deemna wonti Ilma Namaa ka raattotaan barreeffame maruu hin raawwatama. Ilma namaa worra Yihuudota hin taaneef dabarsanii hin kennaniin, isaanillee itti baldan asii fi achi daddarba'aa itti tufan. Haga isa dhaananiin maayessa hin ajjeesan, guyyaa saddaffa'aatitti hin ka'a» isaaniin jedhe. Isaan ammoo waan kana maraa keessaa tokkollee hin hubanne. Hiikkaan dubbii sanii isaan jalaa waan dhokatee tureef wonti inni dubbate sun isaanii hin galle. Yesuus hennaa gara Iyaarikoo dhiyaate namichi ballaan tokko karaa irra taa'ee kadhata'aa ture. Innillee akka namoonni baay'een karaa san irra lufa'aaran dhagayee, wonti kun maal? jedhee gaafate. Isaanillee, «Yesuusii Naazireetiititu karaa kana lufa'aara» jedhanii itti himan. Innillee, «Yesuus, Ilma Daawitii na maari!» jedha'aa iyye. Worri afo'otti deemaa turan akka inni cadhisu xixaniin. Inni ammoo, «Ilma Daawitii na fayyisi!» jedha'aa guddisee iyye. Yesuusillee dhaabatee, namicha ballaa gara isaa akka fidan ajaje. Hennaa gara isaa dhiyaate, Yesuus, «Maal akka sii godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Innillee deebisee, «Gooftaa kiyya, arguu barbaada» jedhe. Yesuus deebisee, «Argi! amantaan kee si fayyiseera» jedheen. Ijji isaallee yoosuu argitee, Innillee Rabbiin galateeffata'aa Yesuusiin faanaa deeme. Gumiin sun maruu haga waan kana argan Rabbiin galateeffatan. Innillee Yesuus nama attamii akka ta'e arguu barbaade, Haata'uu ammoo inni nama gabaabaa waan ta'eef, sababaa baayi'ina namootaatiif, Yesuusiin arguu hin dandeenne. Yesuus waan karaa san irra lufa'aa jiruuf, isa argu'uuf jedhee gara afo'oo fiigee odaa tokko irra kore. Yesuus haga hulee san gaye, ol jedhee laalee argee, «Zakiwoos, adha mana kee ooluu waan barbaaduuf dafii gadi bu'i» jedheen. Innillee daddafee bu'ee gammachu'uun isa simate. Maruu arganii keessummaa nama cubbamaa ta'u'uuf seenee jedhanii guunguman. Zakiwoos ammoo dhaabatee Goofta'aan, «Gooftaa kiyya! Ani waan qabu maraa irraa wadhakkaa hiyyeeyyi'iif hin kenna, eennuun irraallee dharaan sobee waan tokko yoo fudhadhee jiraadhe dachaa afur deebisaaf» jedhe. Yesuus ammoo, «Innillee ilma Abrahaamii waan ta'eef, adha mana kanaaf fayyinni ta'eera. Ilmi Namaa worra bade soqee fayyisu'uuf dhufeera» jedheen. Uduu isaan kana dhagaya'aaran Yesuus Yeruusaaleemitti waan dhiyaateeruuf, sababa namoonni jeennanni Rabbii ammuma waan gaye waan isaanitti fakkaateef mammaakaan akkana jedhee isaanitti mammaake. Namichi fiixaa mooti'ii tokko muudamee mootii ta'ee deebi'uuf biyya fagoo dhaqe. Namichi sun hojjattoota ufii keessaa nama kudhanii waamee, ‹Haga ani deebi'ee dhufuuf ittiin daldalaa'a› jedhee saantibii worqi'ii kudhan isaanitti kenne. Worri biyyaa ammoo waan isa jibbaniif, ‹Kun akka nurratti mooyu hin jaalannu› jedhanii worra dhaamsa isatti himu isa faanaa ergan. «Innillee Mootii ta'ee deebi'ee haga dhufeen maayessa hojjattoota saantibii worqi'ii itti kenne sanniiniin daldalatanii bu'aa hagamii akka argatan beeku'uuf waamsise. Namichi duraa dhufee, ‹Goofta'aa! saantibii worqi'ii ta ati natti kenniteen kudhan bu'aa buuse› jedheen. Innillee, ‹Ati hojjataa misha'a, waan diqqoo irratti waan amanamteef, qachoota kudhanii irratti baallii siif kenneera› jedheen. Ka lammaffa'aallee, ‹Gooftaa'a! saantibii worqi'ii ta ati natti kenniteen shan bu'aa buufadheera› jedheen. Kanaanillee akkasuma, ‹Atillee qachaa shanii irratti baallii siif kenneera› jedheen. Ka biraallee dhufee, ‹Gooftaa'a! saantibii worqi'ii tee xaaqa'aan maree si sodaadhee siin eege. Waan ati nama garaa jabaatu taateef, ati waan namatti hin kennine nama irraa fudhatta. Waan hin facaafne haamattaa hoo'u› jedheen. Ati bada, ‹Hojjataa badaa waanuma afaan kee dubbateen sitti murteessa. Ani akka nama badaa uduu hin kennine gaafadhu uduu hin facaasin haamadhu akka ta'e eega beette, Birrii kiyya worra dhalaan liqeeffatanitti maaf naa hin kennineree? Silaa hennaa deebi'e birrii kiyya dhala woliin fudhadha› jedheen. Gooftichillee worra achi dhaabataniin, ‹Saantibii san fuudha'aatii ka saantibii kudhanii qabu sanii kennaa'a!› isaaniin jedhe. Isaanillee, ‹Goofta'a, inni birrii kudhan qaba!› jedhaniin. Mootichi deebisee, ‹Ani isinitti hima, nama qabuuf maruu itti eda'amaaf; ka hin qabnee ammoo ka qabu sunuu irraa fudhatama. Diinota kiyya ka akka ani isaan irratti mootii ta'uu hin barbaanne kanniin, as afoo kiyyatti fida'aatii gogoorra'aa'a!› » jedhe. Yesuus haga kana dubbateen maayessa isaan firrisee gara Yeruusaaleemii ol baye. Hennaa gara hulee gaara ejersaa jedhamtutti gara Beeta faagee fi gara Biitaaniya'aatti dhiyaate, darasoota ufii keessaa lamaan ergee, «Gara ganda afoo keessan jiranii san dhaqa'a; ganda san keessatti ilmoo harree ka haga ammaa eennulle hin yaabbanne ka hidhameeru achitti argitanii, hiika'aa naa fida'a. Eennullee, ‹Maaf hiittan?› jedhee yoo isin gaafate, ‹Goofta'attu barbaada› jedha'aan» isaaniin jedhe. Worri ergamanillee deemanii akkuma inni isaaniin jedhe argan. Isaanillee hennaa ilmoo harre'ee hiikan, worri harree sanii, «Maaf hiittan?» isaaniin jedhan. Isaanillee, «Goofta'atu barbaada» jedhan. Ilmoo harre'ee san gara Yesuusii fidanii uffata ufii irra kaayanii Yesuusiin yaabisan. Hennaa inni deemu uffata ufii karaa irratti afa'aa turan. Hennaa goodda gaara ejersaa irraan gad dhiyaate, darasoonni maruu maalalee waan arganiif, gammada'aa laagaa gudda'aan, «Mootiin maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame! Sami'ittillee nagaya, gammachu'uu fi ulfinna!» jedha'aa Rabbiin galateeffatan. Gumii keessaa Fariisonni gari gariin, «Barsiisaa'a, darasoota kee teedefadhu» jedhaniin. Innillee deebisee, «Ani isinitti hima, yoma kunniinillee cadhise, dhakaan hin iyya» isaaniin jedhe. Yesuusillee hennaa Yeruusaalemitti dhiyaate, qachaa san argee akkana jedhee booyeef. Uduu atumaan waan nagaya adhaaf sii ta'u beettee misha'a! Amma ammoo kun ija kee afo'oo dhokateera. Hennaan diinonni kee dallawa sitti ijaaranii si marsan waan dhufuuf, karaa maraanuu si dhiphisan. Siif ijoollee tee ta si keessa jiraatan gad darban, dhakaa dhakaa irra jirullee si keessatti hin dhiisan, ati waan bara Rabbi si fayyisu'uuf dhufe hin beenneef. Yesuus gara mana woyyu'uu seenee, worra waa gurgurataniif waa bitatan baasuu jalqabe. «‹Manni kiyya mana keessatti faateffatan ta'a› jedhamee barreeffameera, isin ammoo goda saamtotaa gootan» isaaniin jedhe. Guyya guyya'aan mana woyyuu keessatti barsiisa'aa ture. Haata'uu ammoo bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee isa ajjeesu'uuf soqa'aa turan. Ta'ullee, Namoonni maruu yaada tokkoon waan inni dubbatu waan caqasa'aa turaniif, isaan karaa isa ajjeesaniin hin arganne. Guyyaa tokko Yesuus gumii mana woyyuu keessatti barsiisa'aa, Oduu Nagayaa uduu lallabu bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee manguddoota woliin gara isaa dhufanii, Mee, «Ati baallii maali'iitiin kana akka gootu yookiin baallii kana eentu akka sii kenne nutti himi!» Jedhanii isa gaafatan. Misha'a, «Anillee ammoo waan tokko isin gaafadha. Isinillee natti himaa'a!, cuuphaan Yohaannisii Rabbiin irraa mo'o nama irra?» isaaniin jedhe. Isaanillee akkana jedhanii mari'atan, ‹Rabbiin irra› yoo jenne, ‹Maaf itti hin amanne?› nuun jedha. ‹Nama irra› yoo jenne ammoo, gumiin dhaka'aan nu tuman. Yohaannis akka raagaa ture maruu waan amananiif. Isaanillee deebisanii, «Garam irraa akka dhufe hin beennu» jedhaniin. Yesuusillee deebisee, «Anillee baallii maali'iitiin waan kanniin akka godhe isinitti hin himu» isaaniin jedhe. Innillee mammaaka kana banitti himuu jalqabe. «Namichi tokko ashaakiltii woyini'ii dhaabee qonnaan bultootaaf bara hedduuf kiraa kenne gara biyya biraa deeme. Innillee hennaan woyiniin gayu geennaan akka qonnaan bultoonni woyinii isaa fidaniifiif hojjataa tokko gara isaanii erge. Isaan ammoo hojjataa san tumanii harka qullaa ufirra deebisan. Inni ammallee deebi'ee hojjataa biraa erge, isaan isallee harka qullaa ari'an. Deebi'ee saddaffaa erge. Isaanillee kana madeessanii diidatti gad darban. Abbaan ashaakiltii woyini'ii sun, ‹Ani maal godhuu naa woyyaa? Ilma kiyya ka jaaladhu itti erga; maal laataa isa yoo argan hin kabajjan› jedhe. Qonnaan bultooni ammoo hennaa isa argan, akkana jedhanii mari'atan, ‹Ka dhaalu kana waan ta'eef dhaalli ristii kanaa akka keenna ta'u koottaa haa ajjeefnuu!› jedhan. Isaanillee Ashaakiltii woyini'ii keessaa gara diidaa baasanii isa ajjeessan. Kanaafuu gooftaan ashaakiltii woyini'ii maal isaan godhinna laata? Inni dhufee qonnaan bultoota kanniin balleessee, ashaakiltii woyini'ii san namoota biraatii kenna» jedhe. Isaan haga waan kana dhagayan, «Rabbi waan kana nutti hin fidin!» jedhan. Yesuus gara isaanii laalee akkana jedhe, eegasuu, «Dhagaan worri mana ijaaru tuffate, dhagaa dhagaa maraa caalaa barbaadamu ta'a› ka jedhamee barreeffame maal jechu'uu? Namni dhagaa san irratti kufu maruu hin caccaba; namni dhagaan sun irratti kufu ammoo hin bututa» jedhe. Bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee mammaaka kana akka inni isaaniif mammaake beekanii, hennama san isa qabu'uuf barbaadanii, haata'uu ammoo gumii sodaatan. Uduu isa ega'aaran gara qe'ee bulcha'aa dabarsanii akka kennaniin qajeelaa uf fakkeessanii waan inni dubbatuun isa qabu'uuf worra riphanii eegan isatti ergan. Isaanillee Yesuusiin akkana jedhaniin, «Barsiisaa keenna akka ati dhugaa dubbattuu fi barsiiftu, namallee akka wol hin caalchifne hin beenna, dhugamaan karaa Rabbii barsiifta. Qeesaariif gibira kennuun seera moo seeraa miti?» jedhaniin. Inni ammoo hameenna isaanii argee, maaf na qorattan? Mee saantibii takkattii natti mudhisaa'a, biftinii fi barreeffamni isaa ka eennuuti? isaaniin jedhe. Isaanillee deebisanii, «Ka Qeesaariiti» jedhaniin. Maarre Yesuus, «Ka Qeesaarii Qeesaariif, ka Rabbii Rabbiif kennaa'a!» isaaniin jedhe. Afoo bani'iititti dubbi'iin isa qabuu hin dandeenne. Deebii isaa maalalanii cadhisan. Yesuusiin waan du'aa ka'insaa worri waakkatan Saduqoota keessaa gari gariin gara isaa dhufanii akkana jedha'aa gaafatan. «Barsiisaa'a, Muuseen, ‹Namni tokko haadha manaa fuudhee ijoollee uduu hin uumatin isii irraa yoo du'e, obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaalee fiixaa obboleessa ufiitiif bakka haa buusuu› jedhee nuuf barreesseera. Ilmaan haadhaa torbatu ture. Ka duraa haadha manaa fuudhee, uduu hin uumanne du'e. Kanniin maraan maayessa ammoo dubartiin sun hin duute. Eegasuu torbanuu waan fuudhaniiraniif, Isiin gaafa du'aa ka'iinsaa isaan keessaa haadha manaa eennuu taati?» Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Worri adunyaa tanaa hin fuudhan, hin heerumanille'e. Worri du'aa ka'anii fi biyya lafaa ta dhuftu keessa jiraatan ammoo, hin fuudhan, hin heerumanille'e. Isaan akka Maleekkotaati; deebi'anii hin du'an; isaan waan ijoollee du'aa ka'an ta'aniif, ijoollee Rabbiiti. Worri du'an akka ka'an Muuseen akkasuma saatoo gubatu keessaan Goofta'aan, ‹Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisaaqiitii fi Waaqa Yaaqoobii› jechu'uun himeera. Martinuu isaaf jiraattota waan ta'aniif, Inni Waaqa jiraattotaati malee, Waaqa du'ootaatii miti» isaaniin jedhe. Barsiisota Seera Muuse'ee keessaa gari gariin deebisanii, «Barsiisaa'a, waan mishaa dubbatte» jedhaniin. Achiin maayessa isaan deebi'anii gaafii biraa isa gaafachuu hin uggine. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Namoonni attamitti, ‹Kiristoos Ilma Daawitiiti› jedhan?» jedhee isaan gaafate. Eega Daawiti, ‹Gooftaa kiyya› jedhee isa waame, attamiin Kiristoos Ilma isaa ta'uu danda'a ree?» Gumiin maruu uduu isa caqasaaran, Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Barsiisota seera Muuse'ee irraa of eegaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii asii fi achi naannawuu worra barbaadan, gabayaa keessattillee nagaya akka isaan gaafataniif mana sagadaatittillee barcummaa kabajja'aa urgee nyaataatittillee hulee kabajjaa waan barbaadaniif, uf eeggadhaa'a. Isaan faatee dheeressa'aa sababaa mana haadha hiyyeeyyi'ii irraa worri nyaatu kunniin murtii hamaa argatan» jedhe. Yesuus gara kenna'aa midhatee, dureeyyiin hennaa meeshaa buusi'ii keessa buusan arge. Dubartiin hiyyeettiin takka saantibii lamaa hennaa achi buuftu argeeti. «Ani dhugamaan isiniin jedha. Dubartiin hiyyeettiin tun ka maraa caalu kennite. Kunniin maruu bu'aa isaanii irraa meeshaa buusi'ii keessa buusan; isiin tun ammoo dhidhinna isii keessaa waan qabduuf waan bultuun maraa kennite» jedhe. Namoonni garii gariin, «Manni woyyu'uu kun attamitti barreeda? dhagaa babareeda'aa fi kennaa Rabbiif kennameen midhaaffame» jedha'aa qaaqa'aa turan. «Dhagaan isin argitan kun maruu dhagaan tokko dhagaa tokko irratti uduu hin hafin barri jigu hin dhufa» jedhe. Isaanillee, «Barsiisaa'a, eegasuu wonti kun yoom ta'a? Kunillee ta'uuf malkanni maali?» Jedhanii isa gaafatan. Innillee akkana jedhe, «Akka hin dogoggorre uf eeggadhaa'a. Hedduun isaanii, ‹Ani Kiristoos, barri dhiyaateera!› jedha'aa maqaa kiyyaan hin dhufan. Isaan faana hin deeminaa'a! Lolaa fi wonta nama naasisu hennaa dhageettani, hin nayinaa'a. Wonti akkasii sun duraan dursee waan ta'uuf. Haata'uu ammoo dhumti baraa yoma san hin ta'u.» Hennaa san akkana isaaniin jedhe. «Gosti gosa irratti; mootummaan mootumma irratti hin ka'a. Raafamni lafaa guddaaniif, beelli, dhibeen hulee adda addaatitti hin ta'a. Wonti nama sodaachisu malkanni guddaanillee samii irraa hin mudhata. Kana maraan duratti isin qaban, isin ari'an, waan kiyyaaf gara mana sagada Yihuudotaatii fi gara mana hidha'aatitti isin dabarsan afoo moototaatii fi bulchootaa isin fidan. Kunillee raga'aaf isinii ta'a. Kanaafuu, ‹Maal jennee deebifna› jettanii garaa keessan keessatti hin dhiphatinaa'a. Kana qalbitti qabadhaa'a. Waan diintonni keessan maruu isiniin mormu'uuf falmuu hin dandeenne afaanii fi ogummaa isinii kenna. Haawwoti'ii fi abbootiin, obboleeyyan, firoonniinii fi jaalalloon dabarsanii isin kennan. Isin keessaa gari garii hin ajjeesan. Bakka marattu maqaa kiyyaaf worra jibbamu taatan. Haata'uu ammoo mataa keessan irraa rifeensi tokkollee hin buqqa'u. Obsu'uun lubbuu teessan oolfattan.» Isin yoo «Yeruusaaleem loltootaan marfamtee argitan hennaa san badiin isi'ii akka dhiyaate beekaa'a. Hennaa san worri Yihuudaa jiru gara gaaraa haa dheessanii; worri qachaa keessa jiru isii keessaa haa bayanii. Worri baadiyaa jiranillee isii keessa akka hin seenne. Wonti barreeffame maruu akka raawwatamuuf kun hennaa haluu bayu'uu waan ta'eef, Hennaa san dubartoota ulfaatii fi haawwota harma hoosisanii hobbaasi. Rakkoon guddaan biyya lafaatii fi gumii irratti waan ta'uuf. Isaan qara guraade'eetiin du'an, kuuwwan ammoo marti isaaniituu hin booji'aman; worra Yihuudota hin taaneen fudhataman. Haga barri namoota Yihuudota hin taanee dhumutti Yerusaaleem ta namoonni Yihuudota hin taanee irra deddeemu taati.» Aduu, ji'aa fi Urjii irratti, «Malkatatu ta'a. Lafa irrattillee worri Yihuudota hin taanee galaanaa fi laagaa haboonbolatti'iitiin mama'aati dhidhiphatan. Namoonnillee waan adunyaa irratti dhufu sodaatanii eegu'uun dadhaban. Waan hundeen sami'ii raafamtuuf. Hennaa san Ilmi Namaa hunnaa fi ulfinna gudda'aan duumessaan hennaa dhufu hin arganiin. Hennaa wonti kun ta'u jalqabu sababaa fayyinni keessan dhiyaateeruuf, ka'aa dhaabbadha'aatii mataa keessan ol qabadhaa'a» jedhe. Yesuus mammaakaan akkana jedhee isaanitti hime, Muka hurbu'uutii fi mukkiin maraa yoo bayan argaa'a. Hennaa munni kunniin baala baafachuu jalqabani laala'aati, bonni akka dhiyaate yoo san hin beettan. Akkasuma Hennaa isin kun maruu ta'u yoo argitan jeennanni Rabbii akka dhiyaatte beekaa'a. Ani dhugamaan isiniin jedha, kun maruu haga ta'uuf dhaloonni kun hin lufu. Ardi'ii fi samiin hin lufan dubbiin kiyya ammoo hin lufu. Haata'uu ammoo, «Akka malee nyaataa fi machi'iin yookiin jireenna lafa tanaatiif yaada'aa akka hin dadhabne, guyyaan sunillee dimmaa akka isinitti hin dhufne uf eeggadhaa'a! Guyyaan sun worra lafa irra jiran marattuu waan dhufuuf. Eegasuu waan dhufu'uuf ta'u jalaa akka baataniif fuula Ilma Namaa afo'otti dhaabachuu akka dandeettan hennaa maraa jabaadha'aa faateffadhaa'a!» Yesuus guyyaa guyya'aan mana woyyuu keessatti barsiisa'aa ture. Halkan ammoo gara gaara ejersa jedhamu gubbaa bayee bula'aa ture. Gumiin maruu isa irraa dhagayu'uuf obboro'oon gara Mana Woyyu'uu dhaqa'aa turan. Ayyaanni Faasikaa jedhamu dhiyaate. Bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee gumii sodaatan malee attamiin akka isa balleessan barbaada'aa turan. Seexannillee darasoota kudha lamaa keessaa Yihuudaa nama biyya Asqorotu'uu jedhamutti gale. Innillee akkamitti akka isa dabarsee kennu bulchoota gadootaatii fi worra mana woyyu'uu woliin mari'ate. Isaanillee gammadanii birrii isaa kennu'uuf wolii galan. Innillee maarre jedhe; bakka baniin hin jirretti dabarsee isaanitti kennu'uuf hennaa isaa tolu soqa'aa ture. Ayyaanni Faasika'aa ka hoolaan itti qalamu geennaan, Yesuus Pheexroosii fi Yohaannisiin, «Hurbaata Ayyaana Faasiika'aa akka nyaannu deema'aatii qopheessaa'a!» jedhee isaan erge. Isaanillee, «Eessatti akka sii qopheessinu barbaadda?» jedhaniin. Innillee akkana jedheen gara qacha'aa hennaa seentan nama ottee bisaanii baadhate tokkotti dhuftan, gara mana isaa faana deemaa'a. Abbaa mana saniitiin, ‹Barsiisaan darasoota ufii woliin manni keessumma'aa ka hurbaata Ayyaana Faasika'aa itti nyaadhu eessa? siin jedha› jedha'aanii. Innillee mana mana irraa gamoo keessatti galma afame badhaa isinitti mudhisaa, achitti nuu qopheessaa'a! Isaanillee dhaqanii akkuma inni jedhe arganiiti hurbaata Ayyaana Faasika'aa qopheessan. Hennaa sa'aatiin gaye Yesuus ergamoota kudha lamaa woliin hurbaata'aaf taa'e. Innillee, «Rakkoo kiyyaan dura isin woliin hurbaata Ayyaana faasika'aa kana nyaatu'uuf guddisee halcheera. Ani akkana isiniin jedha, haga jeennanni Rabbii raawwatamuuf ani duranaa deebi'ee kana irraa hin nyaadhu.» jedheen. Xuwwee ol fuudhee haga galateeffateen maayessa akkana jedhe, «Hoo'aa, kana wolii qoodaa'a! Ani isinitti himaa, haga jeennanni Rabbii dhuftutti ammaa jalqabee daadhii woyinii kana irraa hin dhugu» jedhe. Xoroshoollee fuudhee galateeffatee, cabsee, «Kun foon kiyya, ka isinii kenname; ittiin na qaabadhaa'a!» jedhee isaanii kenne. Akkasuma hurbaata'aan maayessa xuwwee ol fuudhee akkana jedhe, «Untoon kun waadaa haarawa dhiiga kiyya ka isinii jiguun raawwatamu. Haata'uu ammoo dabarsee ka na kennu kunoo harki isaa na woliin hurbaata irra jira. Ilmi Namaallee akkuma itti murtaayetti hin deema. Haata'uu ammoo dabarsee ka na kennu sanii hobbaasi!» jedhe. Isaanillee namni isaan keessaa waan kana godhu eennuun ta'inna jedha'aa wol gaafachuu jalqaban. Akkasuma isaan keessaa namni nama maraa caalu eennu jedhanii wol morman. Innillee akkana isaaniin jedhe, «Worri Yihuudota hin taanetu isin bulcha; worri isaan irraan mooyan worra arjooman› ufiin jedhan. Isin ammoo akkasi hin ta'inaa; Haata'uu ammoo isin keessaa ka guddaa ta'e akka maandha'aatitti, ka bulchullee akka tajaajila'aa haata'uu. Ka hurbaata'aaf taa'e yookiin ka hojjatu keessaa kamtu gudda'a? Ka taa'ee mitii? Ani ammoo isin eddu'utti akka hojjata'ati. Haata'uu ammoo isin hennaa rakkinna kiyya na woliin jabaatanii jiraataniiran. Gooftaanillee, «Simoon, Simoon, kunoo, seexanni akka qamadi'ii isin gingilchu'uuf na kadhate. Ani ammoo akka amantaan kee hin banne sii kadhadhe. Atillee hennaa gara kiyya deebite obboleeyyan kee jabeessi!» jedheen. Innillee, «Gooftaa kiyya, ani gara mana hidha'aatii fi gara du'aallee si woliin deemu'uuf qophaayeera» isaan jedhe. Inni ammoo, «Pheexroos, ani sitti hima, ati uduu lukkuun hin iyyin ani si hin beeku jettee adha hennaa sadi na ganta» jedheen. Achiin maayessa Yesuus, «Korojoo, karaxiitii yookiin kophee uduu hin qabatin hennaa ani isin erge, wonti isin jalaa dhidhate jiraa?» Isaaniin jedhe. Isaanillee, «Womaa hin dhidhanne!» jedhan. Innillee ammoo, «Ka korojoo, yookiin karaxiitii qabu haa qabatuu; akkasuma guraadee ka hin qabnellee uffata ufii gurguree guraadee haa bitatuu. Ani akkana isiniin jedha, ‹Worra hamaa woliin laakkayame› jedhamee ka barreeffame na irratti raawwatamuu barbaachisa; Ee anaaf amma wonti ta'u narratti waan raawwatamuuf» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Kunoo, Gooftaa kiyya, guraadee lamatu as jira» jedhaniinii jennaan. Innillee «Hin gaya!» isaaniin jedhe Yesuus achi keessaa bayee akka aadaa isaa gara gaara ejersaa deeme. Darasoonnillee akkasuma isa faana deeman. Hulee san haga gaye, «Ataabe'etti akka hin galle dammaqa'aa faateffadhaa'a!» isaaniin jedhe. Isaan irraa haga darbata dhaga'aa fagaatee jilbiinfatee, Abbaa kiyya fedhii kee yoo ta'e untoo tana narra dabarsi. Haata'uu ammoo fedhii kee malee kiyyaa hin ta'in jedhaa faateffate. Achiin maayessa Maleekkaan isa jajjabeessu samii irraa dhufe. Innillee dhiphatee jabaatee faateffate. Fuuruun isaa akka dhiigaa lafatti coccophe. Hennaa faatee irraa ka'e gara darasoota ufii dhufee waan guddisee gaddee tureef dadhabanii ka rafaniiran argee, «Maaf raftan? ataabe'etti akka hin galle ka'aatii dammaqaa faateffadhaa'a!» isaaniin jedhe. Uduu inni dubbataa jiru namoonni hedduu gara isaa dhufan, darasoota kudha lamaan keessaa namichi Yihuudaa jedhamu tokko isaan afoo deemaa ture. Innillee Yesuusiin dhungachu'uuf gara isaa dhufe. Yesuusi ammoo, «Yihuudaa'a, Ilma Namaa dhungachu'uun dabarsitee kennitaa?» isaan jedhe. Worri isa woliin jiran waan ta'aaru haga argan, «Gooftaa kiyya, guraade'een dhoofnuu?» jedhaniin. Isaan keessaa tokkochi, hojjataa bulchaa gadootaa dhayee gurra mirgaa irraa mure. Yesuus ammoo deebisee, «Dhiisaa'a! waan kana itti hin deebi'inaa'a» jedhee gurra namichaa qaqqabee fayyise. Yesuusillee worra gara isaa dhufan bulchoota gadoota, ajajoota mana woyyu'uutii fi manguddootaan, «Akka waan ani shiftaa ta'ee guraade'eef bokkuu qabattanii baatanii? Guyyama guyya'aan hennaa mana woyyuu keessatti isin woliin jiru, hennaa san isin qubaanuu nan tundhe, amma garuu sa'aatiin kun sa'aatii keessanii fi baalliin abbaa dukkanaa itti hojjatu» isaaniin jedhe. Isaanillee Yesuusiin qabanii fuudhanii gara mana bulchaa gadootaa geessan. Pheexroos ammoo fago'otti isa faana deemaa ture. Hennaa jarri dallawa keessatti ibidda bobeessan Pheexroosillee gara ifaatiin edduu isaanii taa'ee uduu jiru, Hojjettuun takka xiinxallitee laaltee, kunillee isa woliin ture jette. Inni ammoo, «Intalattii nana, ani isa hin beeku» jedhee gane. Hennaa diqqo'oon maayessa namni biraa isa argeeti, «Ati isaan keessaa tokko» jedhe. Pheexroos ammoo, «Namana namni sun, anaa mit» jedheen. Gara sa'aatii tokkoo haga tureen maayessa, «Namni biraallee inni nama Gaaliilaati dhugamaan namichi kunillee isa woliin jira» jedhe. Pheexroos ammoo deebisee, «Namicha nana waan ati jettu kana ani hin beeku!» jedhe. Uduma inni kana dubbataaru, lukkuun iyye. Gooftaanillee midhatee Pheexroosiin laale. Pheexroosillee, adha lukkuun uduu hin iyyine hennaa sadi na ganta dubbii Gooftaan jedhe qaabate. Pheexroosillee diida bayee mararamee booye. Namoonni Yesuusiin qaban isatti baldaa dhaanan. Isaanillee ija isaa hidhanii, dhayaa waan turaniif, «Ka dhabanaasaan si dhaye eennu? Mee raaga dubbadhu!» jedha'aa isa gaafatan. Waan biraallee waan hedduu jedha'aa arabsa'aanii turan. Hennaa lafti bariite manguddoonni biyyaa, bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee wolgayanii gara yaa'ii murti'ii fidanii, «Kiristoos si'ii? mee nutti himi!» Inni ammoo, «Yoo ani isinitti hime, hin amantan; Yoo isin gaafadhellee naa hin deebiftan, na hiitanille'e. Haata'uu ammoo amma irraa jalqabee, Ilmi Namaa mirga hunna Rabbii taa'a» jedheen. Isaan martinuu, eegasuu, «Ati Ilma Rabbii tii?» jedhaniin. Innillee, «Akka ani isa ta'e isinuu jedha'aattan» jedhe. Isaanillee, «Nu'uu afaan isaatii dhageenneera, ammaa achi ragaa maal nu barbaachisa?» jedhan. Isaan maruu woliigalanii ka'anii gara Philaaxoosii isa fidanii, «Kun gumii keenna dogoggorsa'aa, Qeesaarii fi mootii worra Rooma'aatii gibira akka hin kaffallee yoo dhooggu, ammo Ani Kiristoosii mooti'i uduu jedhu argine» jedhanii himachuu jalqaban. Philaaxoosillee, «Ati mootii Yihuudiitii?» jedhee isa gaafate. Innillee deebisee, «Maarre atuu jette» isaan jedhe. Philaaxoos, bulchoota gadootaatii fi gumi'iin ani nama kana irratti yakka tokkollee hin argine jedhe. Isaan ammoo jabeessanii, «Galiila'aa jalqabee haga Yihuudaa maraa keessatti barsiisa'aa gumii booressa» jedhan. Philaaxoos ammoo Galiilaa hennaa jedhan dhagayee, inni nama Galiila'aatii jedhee gaafate. Bulchaa Heroodisii keessaa akka ta'e haga beeke, gara Heroodisii erge. Innillee ammoo hennaa san Yerusaalemiin waan tureef. Heroodisillee Yesuusiin hennaa arge, guddisee gammade. Sababaa waan isaa dhagayeef hennaa dheeraa isa argu'uuf hawwaa waan tureef. Malkata guddaa inni hojjatu argu'uuf abdii godha'aa ture. Kanaaf gaafii heddu isa gaafate. Inni ammoo waa tokkollee isaa hin deebifne. Bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee jabeessanii isa himachu'uuf achi dhaabatanii turan. Heroodisillee loltoota ufii woliin tuffatee itti balde. Uffata qandhafaa itti uwwisee, deebisee gara Philaaxoosii erge. Heroodisii fi Philaaxoos gaafas jaalalloo ta'an. Duraan edduu isaanii lolatu ture. Philaaxoosillee bulchoota gadootaa aango qabeeyyi'ii fi banii wolitti waamee akkana isaaniin jedhe. Isin, «Namichi kun gumii dogoggorsa jettanii nama kana gara kiyya fiddan, kunoo afoo keessanitti qoradhee waan isin isa himattaniif yakka tokkollee nama kana irratti hin argine. Heroodisillee ammoo womaa irratti waan hin argineef gara keenna deebiseera, waan isa ajjeesisu womaa hin goone. Eegasuu adabee isa hiika.» Hennaa ayyaanaa nama hidhame tokko hiikuun aadaa isaanii waan ta'eef. Marti isaaniituu wolta'anii, «Namicha kana balleessi Baarbaaniin nuu hiiki!» jedha'aa wocan. Inni waan qachaa booressee namallee ajjeeseef mana hidha'atitti hidhamee ture. Philaaxoosillee, Yesuusiin hiikuu barbaadee deebi'ee isaanitti dubbate. Haata'uu ammoo isaan fannis! Fannis jedhaa wocan. Hennaa saddaffaaf, «Badiin inni godhe maali'i? yakka du'aaf isa geessu isa irratti hin argine. Kanaafuu adabee hiika» isaaniin jedhe. Isaan ammoo, «Fannisi» jedha'aa laagaa gudda'aan wocan; laagaan woca bani'iitii fi bulchoota gadootaa ka maraatuu caale. Waan isaaniitiif dubbiin bulchoota gadootaallee jabaatee jennaan, Philaaxoos akka kadhaan isaanii ta'uuf isatti murteesse. Namicha qachaa booreesee nama ajjeesee mana hidha'atitti hidhamee ture san waan kadhataniif gad isaanii dhiise. Yesuusiin ammoo akka fedhii isaaniitiif dabarsee kenne. Hennaa Yesuusiin geessan, namichi biyya Qareena'aa Simoon ka jedhamu tokko baadiyya'aa hennaa dhufu Yesuusiin faana fannoo baatee akka deemu itti baachisan. Banii san keessaa dubartoonni hedduu booyaa boochisaa isa faanaa deeman. Yesuus ammoo gara isaanii midhatee akkana jedhe, isin dubartoonni Yeruusaaleemii ufiif ijoollee keessanii booyaa malee naa hin booyinaa'a. Haata'uu ammoo, ‹Dhabduun, gadaamessi sirimaa hin deennee fi harmi hin hoosifne ka eebbifame› hennaan jedhamu kunoo hin dhufa. Hennaa san gaarotaan nurratti jigaa tullootaan ammoo nu dhossaa jechuu jalqaban. Isaan eega muka jiidhaa irratti akkana godhan ta'e, muka gogaa ammoo attam godhinnu laata? Worra yakka hojjatan lamaan akkasuma isa woliin ajjeesu'uuf achi geessan. Hennaa hulee Qaraaniyoo jedhamu gayan, achitti isaaf worra yakka hojjatan lamaan tokko mirgaan ka lammaffa'aa bitaa isaatiin fannisan. Yesuusillee, «Abbaa'a, isaan waan godha'aaranuu waan hin beenneef, isaanii dhiisi!» jedhe. Uffata isaallee qoodamu'uuf hixaa itti buufatan. Gumiinillee dhaabatee laala'aa ture. Ajajjoonnillee akkasuma, «Kaawwan fayyiseera; Inni Kiristoosii Rabbiin filatame yoo ta'e uf haa fayyisuu!» jedhaa itti balda'aa turan. Loltoonni ammoo gara isaa dhiyaatanii waan dhangagga'aa kennaniif. «Ati mootii Yihuudii yoo taate uf oolchi!» jedha'aa itti balda'aa turan. «Kun Mootii Yihuudotaati» jechi jedhu tokko afaan Giriikii, Roomaayisxii fi ibiraayisxiin barreeffamni barreeffame mataa isaa gubbaa jira. Hammeeyyii yakkaaf fannifaman keessaa tokko, «Ati Kiristoosii mii? Ufillee nullee oolchi!» jedhee isa arrabse. Ka Lammaffa'aa ammoo, «Ati murtee akkanaa irra uduu jirtu, Rabbimallee hin sodaattuu?» Nu waan gooneef murtii keenna hin arganna, murtiin nurratti murtaaye murtii dhuga'aati. Inni ammoo dhara woyiituu hin hojjanne jedhee isa teedeefate. Yesuusiin, «Gooftaa kiyya, mootummaa keetiin hennaa dhuftu na qaabadhu!» jedhe. Yesuus deebisee, «Dhugamaan siin jedha, adha na woliin jeennata galta» jedheen. Sa'aatii jaharraa jalqabee dukkanti haga sa'aatii sagalii biyya lafaa maratuu ta'e. Aduunillee hin dukkanoofte. Golgaan mana woyyuu gubba'aa haga gadii tarsa'e. Yesuusillee laagaa gudda'aan iyyee, Abbaa lubbuu kiyya harka keetitti yaboo dabarsee kenna jedhe. Kana jedhee lubbuu ufii dabarsee kenne. Ajajaan loltuu dhibbaa waan ta'e san hennaa arge, «Namni kun dhugamaan qajeela'a» jedhee Rabbiin kabajje. Worri kana argu'uuf walgaye maruu waan ta'e san hennaa argan laphee ufii tumaa deebi'an. Worri isa beekan maruu, Dubartoonni Galiila'aa isa faanaa dhufan maruu fagoo dhaabatanii waan kana laala'aa turan. Namichi miseensa gumii Yihuudotaa ka Yooseef jedhamu tokkotu ture. Innillee nama misha'aa fi qajeela'a. Inni mari'ii fi hujii isaanii keessa hin jiru. Yooseef qachaa Yihuuda'aa ta Armaatiyaas jedhamtuu dhufe, Innillee akkasuma jeennata Rabbii eeggata'aa ture. Namichi kun gara Philaaxoosii dhaqee reeffa Yesuusii kadhate. Fannoo irraa buusee qoolaan kafanee awwaala dhagaa irraa bocame ka namni biraa haga ammaa itti hin awwaalamne keessa kaaye. Guyyaan sun guyyaa qophi'ii ture. Sambannillee seenuu gayeera. Dubartoonni Yesuusiin woliin Galiila'aa dhufanillee isa faana deemanii awwaalaaf reeffallee attamitti akka kaayan argan. Achii deebi'anii anshaa fi urgo'oof waan diban qopheessanii akka seeraatitti guyyaa Sambataa harabaafatan. Guyyaa Sambata gudda'aa isaan keessaa namoonni gariin urgoo qabataniiti isaan woliin obboro'oon gara awwaalaa dhaqan. Dhagaan awwaalaan cufame ka gangalfameeru argan. Hennaa boolla awwaalaa keessa seenan reeffa Gooftaa Yesuusii hin argine. Isaan waan kana uduu mama'aaran namoonni lamaan uffata calalaqu uffatanii isaan bira dhaabatan. Dubartoonni sunniinillee sodaatanii uduu ijaan lafa laala'aaran akkana isaaniin jedhan, «Maaf jiraataa worra du'e keessaa soxxan? Worri waan kana ergamtootatti himani, Maariyaamii qachaa Magidala'aa, Yohaanaa, haadha Yaaqoobii Maariyaam, dubartoonni biraallee isaan woliin jiran. Isaanillee dubbiin kun waan suuraa isaanitti fakkaateef isaan hin amanne. Pheexroos ammoo ka'ee gara awwaalaa fiige. Achi gayee gadi jedhee yoo laalu uffata fuuttaa irraa hojjatame qofa arge. Waan ta'e kana maalala'aa gara mana ufii deebi'e. Guyyaa san isaan keessaa namoonni lamaan Yeruusaaleemiin irraa kilo meetira kudha lama fagaatu gara ganda Emaahuus jedhamtuu deeman. Isaanillee waan ta'e kanniin maraa woliin qaaqa'aa turan. Uduma isaan waan san qaaqa'aa qorata'aa deeman, Yesuus isaanitti dhufee isaan woliin deeme. Isaan ammoo akka isa hin beenne ijji isaanii qabamee ture. Innillee gadda'aa wonti woliin qaaqa'aa deemtan kunniin maali'i? Isaaniin jedhe. Namni Qalayoophaa jedhamu tokko ammoo deebisee, «Ati Yeruusaalemitti hojja kee keessummaa taatee jiraattaa? Guyyoota kanniin waan achitti ta'e hin beettuu?» jedheen. Innillee, «Maal inni?» jedhee gaafate. Isaannillee akkana jedhaniin, «Waan Yesuusii nama Naazireetii, ka huji'ii fi dubbi'iin Rabbii fi gumii maraa biratti raagaa jabaa, Isa bulchoonni gadootaatii fi worri loltoota ajaju keenniin murtii du'aatitti attamitti dabarsanii akka isa kennanii fi fannisan. Nu ammoo namni Isiraa'eeliin fayyisu isa jennee abdannee turre. Wonti kun maruu haga ta'e adha guyyaa saddaffa'aati. Wonti biraa ammoo ka nu maalalchiise dubartoonni gariin nu keessaa hulee awwaalaa dhaqanii, Haga reeffa isaa achii dhaban dhufanii, hennaa maleekkonni, ‹Inni jiraata'a› jedhanii dubbatan mudhataan argine jedhan. «Worri nu woliin turanillee gara awwaalaa dhaqanii akka wonti sun akkuma isaan nutti odeessan ta'e argan; isa ammoo hin argine» Innillee akkana isaaniin jedhe, «Isin bada worra hin hubannee fi worra waan raattonni dubbatan maratti ka qalbiin keessan hin amanne, Kiristoos rakkoon irra gayee ulfinnatti seenuun isa hin barbaachisuu ree?» isaaniin jedhe. Raattota maraaf Muusee irraa jalqabee waan isaa ka kitaabban maraa keessatti barreeffame isaanii hiike. Gara ganda dhaqa'aaranii dhiyaatanii isaanillee waan inni fagoo deemu isaanitti fakkaate. Isaan, «Waan lafti galgalaayee dukkanaayeeruuf nu bira buli» jedhanii jabeessanii kadhataniin. Innillee isaan bira bulu'uuf seene. Uduu isaan woliin hurbaata'aaf taa'eeru xoroshoo ol fuudhee eebbisee caccabsee isaaniif kenne. Ijji isaaniillee hin baname, isaanillee hin beekaniin. Inni ammoo ija isaanii afo'oo miliqe. Isaanillee, «Hennaa inni kara'atti nu woliin dubbataa turee fi hennaa inni kitaabban nu barsiisaa ture garaan keenna nu kakka'ee nu raafama'aa hin turree?» woliin jedhan. Isaanillee waan karaa irratti ta'e haga Xoroshoollee cabsee akkamitti akka isa beekan isaanitti odeessan. Uduu isaan kana dubbataa jiran, Yesuus edduu isaanii dhaabatee, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin jedhe. Isaan ammoo waan ekeraa argan seeyanii nayanii sodaatan. Inni ammoo, «Maaf naatan? Maaf mamiin garaa keessan keessatti uumame? Akka ana ta'e akka beettan mee harka kiyyaa fi luka kiyya qaqqaba'aa laalaa'a; ekeraan foonii fi lafee hin qabu, Ani ammo hin qaba.» Innillee kana jedhee harka ufiitii fi luka ufii isaanitti mudhise. Isaanillee guddisanii waan gammadaniif amanuu dadhabanii maalala'aa uduu jiran, waan nyaatan asii waa qabduu? isaaniin jedhe. Isaanillee qurxummii woddame irraa kutanii nadhii dammaallee kennaniif. Inni fudhatee afoo isaaniititti nyaate. Innillee, «Hennaa ani isin woliin jiru, Seera Muuse'eetii fi raattotaa kitaaba faarfannaa keessatti wonti kiyya ka barreeffame maruu raawwatamuu barbaachisa jedhee ka isinitti hime sun isa kana» isaaniin jedhe. Hennaa san kitaabban akka hubatan sammuu isaanii bane. Akkana isaaniin jedhe, «Kiristoos hin rakkata; guyyaa saddaffa'aa du'aa hin ka'a. Maqaa isaatiin cubbuu irraa deebi'uu fi araarri cubbuu Yeruusaaleemiin irraa jalqabee gumii maraa irratti hin lallabama jedhamee barreeffameera. Isinillee waan kanaaf raga'a. Ani waan Abbaan kiyya waadaa isinii gale san isinii erga. Isin ammoo haga hunna olii argattanitti qachaa Yeruusaaleemii keessaa hin bayi'naa'a» jedhe. Innillee achii bayee haga Bitaaniya'aa isaan geegessee harka isaa lamaan ol kaasee isaan eebbise. Uduma isaan eebisa'aaru isaan dhiisee gara sami'ii ol fudhatame. Isaanillee isaaf sagadanii guddisanii gammadanii gara Yeruusaalemii deebi'an. Hennaa maraa Rabbiin galatoonfata'aa mana woyyuu keessa jiraatan. Jalqaba jechatu ture; jechi Rabbiin bira ture; jechillee Rabbiin ture. Kun jalqabumaa Rabbiin woliin ture. Wonti martinuu isaan ta'e, waan ta'e keessaa tokkichillee isaan malee ka ta'e hin jiru. Isa keessa jireennatu jira, jireenni sunillee ifa namaati. Ifnillee dukkana keessatti ifa. Dukkantillee isa hin injifanne. Nama maqaan isaa Yohaannis jedhamu ka Rabbi erge tokkotu ture. Martinuu karaa isaatiin akka amananiif; waan ifaa ragu'uuf dhufe. Waan ifaa ragu'uuf dhufe malee, inni ifaa miti. Ifni dhuga'aa ka nama maraafuu ifu gara adunyaa tanaa dhufa'aa ture. Inni adunyaa tana irra ture; adunyaanillee isaan ta'e; adunyaan ammoo isa hin beennee. Innillee gara worra isaa dhufe; worri isaa ammoo isa hin simanne. Worra isa simatan maraafuu ammoo maqaa isaatitti waan amananiif isaan ijoollee Rabbii akka ta'an baallii isaanii kenne. Isaanillee Rabbiin irraa dhalatan malee; dhiiga yookiin fedha foonii yookiin fedha dhiiraa irraa hin dhalanne. Jechi nama ta'e; Inni badhaadha, Ayyaanaa fi dhuga'aan guuttamee nu keessa bule. Nu'u ulfinna Ilmi tokkichi Abbaa ufii biraa qabuutitti, ulfinna isaa argine. Yohaannis waan isaa ragee laagaa isaa ol fudhatee akkana jedhe. Kana maayessaan dhufu inni waan na dura tureef. Inni na caalaa kabajjamaa ta'eera. Wonti isaa ka ani jedhellee kana. Nu Maruu guutuu isaa irraa fudhannee badhaadha irratti badhaani nuu kennameera. Seerri Muuse'een kennamee ture. Badhaadhaa fi dhugaan ammoo Yesuus Kiristoosiin kenname. Yoomillee yoo ta'e ka Rabbiin arge tokkollee hin jiru. Ilma isaa tokkicha Abbaa bira jirutu kana ibse. Yihuudonnillee ati eennuu? Jedhanii gaafachu'uuf Yeruusaalemii gadootaa fi Leewwota hennaa itti ergan ragaan Yohaannisii kana. Inni, «Ani Kiristoosii miti» jedhee ragaa baye malee, hin waakkanne. Eegasuu ati eennu ree? Ati Eeliyaasii? jedhanii gaafatan, «Waa ani isaa miti» jedhee deebise. «Ati Raattichaa ree?» Jedhanii gaafatan. Inni ammoo, «Waa ani isaa miti» jedhee deebise. Eeganaa ati eennu ree? Worra nu erganiin waan kee maal jennaa? jedhaniin. Yohaannisillee deebisee, «Akka raattichi Isaayyaas jedhetti, ‹Karaa Goofta'aa qajeelchaa'a› jedhee, lafa udume'ee keessatti laagaan nama iyyuu sun na'a» jedhe. Yohaannisillee deebisee, «Ani bisaaniin isin cuupha, haata'uu ammoo ka isin isa hin beenne isin jidduu dhaabateera. Ka na maayessa dhufu ka ani miseensa kophee isaatuu hiikuun naaf hin malle kabajjamaan kana» isaaniin jedhe. Wonti kun Yoordaanoosiin gama hulee Yohaannis itti cuupha'aa ture Biitaaniyaa Beta Raaba'aatti ta'e. Bariisaa san Yohaannis uduu Yesuus gara isaa dhufu argee akkana jedhe; «Kunoo! Hoolaan Rabbii ka cubbuu adunyaa irraa balleessu kana. ‹Inni na maayessaan dhufu, anaan dura ture, na caalaa kabajjama'a› jedhee ka ani waan isaa isinitti hime sun kana. Anillee isa hin beeku, Sababaan ani bisaaniin cuupha'aa dhufeef ammoo, akka inni saba Isiraa'eliititti mudhatuuf. Yohaannisillee akkana jedhee ragaa baye, «Ayyaanni Woyyuun samii irraa akka handari'iititti hennaa bu'ee isarra taa'u arge» Ayyaannillee isarra taa'e. Anuu isa hin beenne. Ani isa hin beeku ture. Haata'uu ammo, Inni ka ani akka bisaaniin cuuphuuf na erge, ‹Ka ati uduu Ayyaanni irratti bu'uu fi irratti harabaafatu argitu, ka Ayyaana Woyyu'uun cuuphu Isa› naan jedhe. Anillee isa argeera; akka inni Ilma Rabbii ta'e rageera.» Ganamaan akkasuma Yohaannis darasoota isaa keessaa namoota lamaan woliin uduu dhaabatu, Yesuus achirra ka lufu argee, «Ila hoolaa Rabbii!» jedhe. Darasoonni lamaan hennaa inni dubbatu dhagayanii Yesuusiin faanaa deeman. Yesuusillee ufirra midhatee hennaa isaan faanaa deeman argee, «Maal soxxan?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Rabbii, eessa jiraattaa?» jedhaniin. Hiikkaanillee, «Barsiisaa'a» jechu'u. Innillee, «Kootta'aa laalaa'a!» jedheen. Isaanillee dhaqanii hulee inni jiraatu argan. Guyyaa san isa woliin oolan. Hennaan sun gara sa'aatii kudhaniiti. Worra waan Yohaannis dubbate dhagayanii Yesuusiin faanaa deeman lamaan keessaa tokko obboleessa Simoonii ka Pheexroos jedhame Indiriyaas ture. Innillee firrisee obboleessa ufii Simooniin argee, «Kiristoosiin arganneerra» jedheen. Kiristoos jechuun, «Masihii» jechu'u. Indiriyaasillee Simooniin gara Yesuusii fide. Yesuus isa laalee, «Ati Simoonii ilma Yohaannisiiti; ammaa achi, ‹Keefaa› jedhamtee waamamta» jedheen; «Keefaa» jechuun afaan Giriikiitiin, «Pheexroos» jechu'u; Pheexroos jechuun, «Dhagaa qarsa'aa» jechu'u. Ganamaan Yesuus gara Galiila'aa ol bawuu barbaadee, Filiphoosiin argee, «Na faana koottu!» jedheen. Filiphoosillee akkuma Indiriyaasiitii fi akkuma Pheexroosii nama qachaa Beetasayida'aati. Filiphoos Naatinaa'eeliin argee, «Ka Muuseen Kitaaba seeraa keessatti waan isaa barreessee fi ka raattonnillee waan isaa barreessan ilma Yooseefii Yesuusii nama Naazireetii arganneerra» jedheen. Naatinaa'elillee, «Naazireetiin keessaa wonti mishaan bawuu danda'aa?» jedhee gaafate. Filiphoosillee, «Koottuu laali» jedheen. Yesuus Naatinaa'eel gara isaa hennaa dhufu argee, «Ila nama Isiraa'elii ka dhuga'aa; ka sobni keessa hin jirre» jedhee waan isaa dubbate. Naatinaa'elillee, «Eessatti na beetta?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Uduu Filiphoos si hin waamne, uduu ati muka hurbu'uu jala jirtu si arge» jedheen. Naatinaa'elillee deebisee, «Barsiisaa'a, ati Ilma Rabbiiti! Ati mootii Isiraa'eliiti!» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Hennaa ati muka Hurbu'uu jala jirtu si arge waan siin jedheef amantee? waan kana caalu argita jedheen. Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, hennaa samiin banamtee, Maleekkonni Rabbiillee Ilma Namaa irra ol baya'aa gad bu'an hin argitan» jedheen. Guyyaa saddaffa'aatitti Galiilaa qachaa Qaana'aatitti cidhatu ture. Haati Yesuusiillee achi turte. Yesuusii fi darasoonni isaallee cidha sanitti waamamaniiran. Hennaa daadhiin woyni'ii isaan jalaa dhumate, haati Yesuusii, «Daadhii woyni'ii hin qabanii bee» jettee Yesuusitti himte. Yesuusillee, «Aayyii, waan ani huju ati natti hin himini; hennaan kiyya hin geenne» isi'iin jedhe. Achiin maayessa haati Yesuusii, «Waan inni isinitti himu godhaa'a» jettee worra ansaadanitti himte. Yihuudonni aadaa ufi qulqulleessu'uu waan qabaniif, gaanii dhaga'aa jaha achii qaban. Gaaniin martinuu waabaa lama yookiin sadi qabata. Yesuusillee worra cidha galchuun gaanii sanniinitti bisaan guutaa jedhe. Isaanillee haga afaanii guutan. Amma buusa'aatii worra cidha galchutti kennaa'a jedheen. Isaanillee isaanitti kennan. Ka cidha galchullee bisaan daadhii ta'e hennaa afaaniin qabu eessaa akka dhufe hin beenne. Hojjattoonni bisaan woraaban ammoo hin beekan. Ka cidha galchu Abbaa cidhaa waamee, Akkana jedheen, «Namni maruu duraan dursee daadhii mishaa namaa kenna. Haga machaayaniin maayii ammoo booruu namaa kenna. Ati ammoo daadhii mishaa haga ammaa tursiifte!» jedheen. Yesuus maalalee jalqabaa qachaa Qaanaa Galiila'aatitti godhe. Ulfinna ufiillee mudhise, darasoonni isaallee isatti amanan. Kanaan maayii, Yesuus haadha ufii, Ilmaan haadhaatii fi darasoota ufii woliin gara Qifirinaahomii gad bu'anii; guyyaa hago'oof achi taa'an. Hennaa Ayyaanni Faasika'aa ka Yihuudii dhiyaate, Yesuusillee gara Yeruusaalemii dhaqe. Mana woyyuu keessatti worra sangoota, hoolotaa fi handarii gurgurataniif, worra birrii sharafan ka taa'aniiran argee, Innillee xurqaayyee dhayatee, sangootaa fi hoolota mana woyyuu keessaa baasee; worra birrii jijjiiratu waan isaan birrii irra kaayataniiran garagalchee birrii isaaniillee jalaa bittinneesse. Worra handarii gurgurataniinillee, «Kana asii kaasaa'a; mana Abbaa kiyyaa mana daldalaa hin godhinaa'a» isaaniin jedhe. Darasoonni isaallee, «Hinaaffaan mana keetii, akka ibiddaa na guba» jedhamee ka barreeffame qaabatan. Kanaaf, «Yihuudonni kana godhu'uuf malkata maali'iin nutti mudhifta?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee, «Mana Woyyuu kana diigaa'a! Ani ammoo guyyaa sadihitti deebisee ijaara» isaaniin jedhe. Kanaaf Yihuudonni, «Manni Woyyu'uu kun hojjatamu'uuf woggaa afurtamii jahaa fixe, ati ammoo guyyaa sadi keessatti ijaaree fixa jettaa?» jedhaniin. Inni ammoo waan mana woyyuu qaama ufii dubbate. Kanaaf haga du'aa ka'een maayii, darasoonni isaa kana akka dubbate qaabatanii, kitaaba Woyyu'uu fi waan Yesuus dubbate amanan. Uduu Yeruusaalem jiru hennaa ayyaana Faasika'aa malkata inni godhe haga argan, namoonni hedduu maqaa isaatitti amanan. Namicha Gosa Fariisotaa bulchaa Yihuudotaa ka maqaan isaa Niqoodimoos jedhamu tokkotu ture. Innillee halkaniin gara Yesuusii dhufee, «Barsiisaa'a, yoo Rabbi isa woliin ta'e malee, maalalee ati hojjattu kanniin ka hojjatuu danda'u waan hin jirreef, barsiisaa taatee Rabbiin biraa akka dhufte hin beenna» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni lammaffaa deebi'ee yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u» jedheen. Niqoodimoosillee namni haga jaareen maayessa deebi'ee attamitti dhalatuu danda'a? lammata hormaata haadhaatitti deebi'ee dhalatuu danda'aa? jedheen. Yesuusillee akkana jedhee deebiseef, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni bisaanii fi Ayyaana Woyyuu irraa yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u. Ka foon irraa dhalate foon; Ka Ayyaana irraa dhalate Ayyaana. Waan ani lammaffaa dhalachuu isin barbaachisa jedheef hin maalalfatin. Bubbeen gara fedhetti bubbisa atillee huursaa isaa dhageetta malee, eessaa akka dhufee fi eessa akka deemullee hin beettu. Namni Ayyaana irraa dhalate maruu akkasuma.» Niqoodimoosillee deebisee kun attamitti ta'uu danda'a? jedheen. Yesuusillee deebisee akkana jedhe, «Ati barsiisaa Israa'eelii taatee kana hin beettuu? Ani dhugama dhuga'aatiin siin jedha, nu waan beennu dubbanna. Waan arginellee ragaa baana. Isin garuu ragaa keenna hin fudhattan. Hennaa ani waan lafaa isinitti hime yoo hin amanne, waan sami'ii yoo isinitti hime attamitti amantan ree? Ka sami'ii bu'e malee eennullee ka gara sami'ii ol baye hin jiru. Innillee Ilma Rabbii ka samii keessa jiraatu. Namni isatti amanu maruu akka hin banne, jireenna bara baraa haa argatu'uuf, Rabbi adunyaa kana akkanumaan jaalatee, tokkicha Ilma ufii kenneef. Wonti Rabbi Ilma ufii gara adunya'aa ergeef, adunya'atti murteessu'uuf uduu hin taane, Ilma isaatitti amanu'uun adunyaan haa fayyitu'uuf. Nama isatti amanu itti hin murtaayu. Ka isatti hin amanne ammoo, maqaa tokkicha Ilma Rabbiititti waan hin amanneef ammaa itti murtaayeera. Murtiin sunillee kana. Ifni gara biyya lafaa dhufe, namoonni garuu hujiin isaanii waan hamaa ta'eef ifa caalaa dukkana jaalatan. Namni hamaa hojjatu maruu ifa jibba. Hujiin isaa akka jalaa ifa hin baaneef gara ifaa hin dhufu. Namni dhugaa hojjatu ammoo hujiin isaa akka ajaja Rabbiititti hojjatamuun isaa akka mudhatuuf gara ifaa dhufa.» Achiin maayessa Yesuus darasoota ufii woliin gara biyya Yihuuda'aa dhaqe. Achitti isaan woliin taa'ee cuupha'aa ture. Yohaannisillee akkasuma naannoo Saaleemii bakka heenoon jedhamtuutitti bisaan guddaan waan jiruuf achitti cuupha'aa ture. Namoonnillee achi dhaqanii cuuphaman. Wonti kun uduu Yohaannis hin hidhamne ta'e. Kanaafuu darasoota Yohaanisiitiif Yihuudota jiddu'utti waan qulqullumma'aatiif mormiin ka'e. Isaanillee gara Yohaannisii dhufanii, «Barsiisaa'a, namichi Yoordaanosiin gamatti si woliin jiru, ka ati waan isaa ragaa baateef sun cuupha'aa waan jiruuf, namni maruu gara isaa dhaqa'aara!» jedhanii itti himan. Yohaannis deebisee akkana isaaniin jedhe, «Yoo samii irraa kennameef malee, namni waan tokkollee argatuu hin danda'u. ‹Ani Kiristoosii miti; haata'uu ammoo isaan dura ergameera› akka ani jedhe isinuu ragaa naa baatan. Ka idaayyittiin jette inni Idaayya'a. Jaalli dhaabatee dhagayu ammoo laagaa Idaayyichaatitti guddisee gammada. Eeganaa gammachuun kiyya raawwatame. Inni guddatee, ani diqqaachuu woyya. Ka olii dhufu maraa caala. Ka lafaa ammoo kama lafaati. Woma lafaa dubbata; ka sami'ii dhufu maraa caala. Inni waan argeef waan dhagaye ragaa baya; ka ragaa isaa dhagayu ammoo hin jiru. Namni ragaa kana dhagayu ammoo akka Rabbi dhugaa ta'e dhugoomse. Namni Rabbi erge dubbii Rabbii dubbata; Rabbi Ayyaana ufii bikkee waan hin kennineef Abbaan Ilma ufii hin jaalata, waan maraa isatti kenneera. Namni Ilma isaatitti amane jireenna bara baraa qaba. Namni ilma isaatitti hin amanne dheekkamsi Rabbii waan isa irra jiruuf jireenna hin argatu» jedhe. Fariisonni Yesuus Yohaannisiin caalaa'a, darasoota akka eda'atee fi akka cuuphaaru akka dhagayan Yesuus haga beeke, Karaa Samaariya'aatiin lufuun waan isa barbaachisuuf. Kanaaf gara qachaa Samaariyaa ta sikaar jedhamtuu dhufe, qachaan sunillee lafa Yaaqoob ilma isaa Yooseefii kennetti dhiyo'o. Bisaan boolla Yaaqoobiititu achi ture. Yesuusillee waan deema'aa oolee dadhabeef boolla bisaan sanii bira taa'e, hennaan sunillee guyyaa keessaa gara sa'aatii jahaati. Dubartiin Samaariya'aa takka bisaan woraabbatu'uuf dhufte, Yesuus isi'iin, «Bisaan na obaas!» jedheen. Hennaa san darasoonni Isaa waan nyaatan bitu'uuf gara qacha'aa deemanii turan. Hennaa tana dubartiin Samaariya'aa sun, «Ati Nama Yihuudii taatee, attamitti ana dubartii Samaariya'aatiin bisaan na obaas jetta?» jetteen, waan Yihuudonni worra Samaariya'aa woliin wolii hin galleef. Yesuus deebisee, «Kennaa Rabbiitii fi ka bisaan na obaas siin jedha'aaru eennuun akka ta'e uduu beettee, silaa situ na kadhata. Innillee silaa bisaan jireennaa sii kenna» isi'iin jedhe. Dubartittiin sunillee akkana jetteen, «Gooftaa kiyya, ati waan woraabbattuun hin qabdu; boollillee gad fago'o, eegasuu bisaan jireennaa kana eessaa argatta ree? Ati horomaa abbaa keenna Yaaqoobiin ka boolla bisaanii kana nuu kenne, ka inninii fi ijoolleen isaa, horiin isaa maruu bisaan kana irraa dhugan caaltaa?» jetteen. Yesuus deebisee, «Ka bisaan kana irraa dhugu maruu deebi'ee dheebota; Ka bisaan Ani kennu irraa dhugu maruu ammoo baraa haga bara baraatitti hin dheebotu. Bisaan Ani kennu isa keessatti burqaa jireennaa ka bara baraan isa keessaa burqu ta'a» isi'iin jedhe. Dubartittiinillee, «Gooftaa kiyya, deebi'ee akka hin dheebonnee fi bisaanillee woraabu'uuf akka as hin deebine bisaan kana naa kenni» jetteen. Yesuus, «Deemiitii, abbaa manaa kee waamii koottu» isi'iin jedhe. Dubartittiin ammoo deebiftee, «Ani abbaa manaa hin qabu» jetteen. « ‹Abbaa manaa hin qabu› jechuun kee dhuga'a. Ati abbaa manaa shan waan qabduuf, ammumaa ka si woliin jirullee abbaa manaa keetii miti. Kanaaf dhugaa dubbatte» isi'iin jedhe. Dubartittiin, «Gooftaa kiyya, akka ati raagaa taate arga. Abbootiin teenna gaara kanatti sagadan. Isin ammoo Yihuudonni namni ka itti sagadu barbaachisu Yeruusaleemitti jettan» jetteen. Yesuusillee akkana isi'iin jedhe, «Dubartii nana na amani; gaara kana gubba'atti yookiin Yeruusaaleemitti hennaan isin Abba'aaf hin saganne hin dhufa. Isin waan hin beennee sagaddan; nu ammoo fayyinni karaa Yihuudotaatiin waan ta'eef, ka beennuuf saganna. Haata'uu ammoo worri dhuga'aan sagadan hennaan Aabba'aaf Ayyaana dhuga'aatiin sagadan hin dhufa. Amumaa ta'eera. Abbaan akka isaa sagadaniif worra akkanaa kanniin waan barbaaduuf. Rabbi Ayyaana, worri Isaa sagadanillee Dhuga'aa fi Ayyaanaan sagadu'utu isaan barbaachisa » jedheen. Dubartittiin ammo, «Kiristoos ka jedhamu Masihiin akka dhufu hin beeka, inni yoo dhufe waan maraa nutti hima» jetteen. Yesuus deebisee, «Ka amma si woliin qaaqa'aaru Ani isaa bee» isi'iin jedhe. Hennaa darasoonni isaa deebi'anii dhufan; Yesuus dubartii woliin ka qaaqa'aaru arganii maalalfatan; haata'uu ammoo ka isi'iin «Maal barbaadda?» yookiin, «Maaf isii woliin qaaxxa?» namni isaan jedhe hin jiru. Dubartittiinillee ottee isi'ii dhiiftee gara qacha'aa deemtee, Namootaan, «Kootta'aatii nama waan ani godhe maraa natti hime laalaa'a. Ani hin beeku inni Kiristoosiin ta'innaa laata?» Jette. Namoonnillee qachaa keessaa yaa'anii gara isaa dhaqa'aa turan. Uduu kun ta'aa jiru darasoonni isaa, «Barsiisaa'a, mee waa nyaadhu!» jedhanii kadhataniin. «Ani waan nyaadhu ka isin hin beenne qaba» isaaniin jedhe. Kanaaf darasoonni, «Waan nyaatu namni woyii fideefii jiraatinnaa?» woliin jedhan. Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Nyaanni kiyya, fedha ka na ergee raawwachu'uu fi hojii isaa fixu'u. Isin haga ammaa haamaan hin geenne ‹Ji'a afurtu hafa; woliin jettanii mii ree?› Ani isinitti himaa, ija keessan ol kaasaa, midhaan amma gayee akka daalachate maasaa achi laalaa'a. Namni haamu gatii argata; ka facaasuu fi ka haamullee akka woliin gammadan jireenna bara baraatiifillee daraaraa wolitti qabata. ‹Tokko hin facaasa, tokko ammoo hin haama› jechi jedhu kanaan dhugaa ta'eera. Anillee waan isin itti hin dadhabne akka haamtaniif isin erge, kuuwwan itti dadhaban, isin ammo dadhabbii isaanii keessaa faayidaa argattan» isaaniin jedhe. Dubartittiin, «Ka waan ani godhe maraa natti hime» jettee waan ragaa isaa baateef namoonni qachaa Samaariya'aa hedduun isaanii itti amanan. Namoonni Samaariya'aallee gara isaa hennaa dhufan, akka inni isaan woliin jiraatuuf kadhataniin. Innillee haga guyyaa lamaa achi oole. Sababa dubbii isaatiif namoonni hedduun ka duraa caalaa isatti amanan. Isaanillee dubartii saniin, «Amma nu wonti isatti amannuuf, waan ati jetteefii miti, nu'uu waan isa dhageenneef, innillee dhugamaan Kiristoos qoricha adunya'aa akka ta'e hin beenna» jedhan. Guyyaa lamaan maayii, achii bayee gara Galiila'aa deeme. Inninuu, «Raanni biyya ufiititti akka hin kabajjamne» dubbateera. Haata'uu ammo hennaa inni Galiilaa gaye; worri Galiila'aa haala misha'aan isa simatan. Kunillee wonti ta'eef ayyaana Faasika'aatiif gara Yeruusaalemii dhaqanii hennaa achi turan san waan inni achitti godhe mara waan arganiiraniif. Yesuus deebi'ee, gara Qaanaa Galiila'aa hulee bisaan gara daadhii woyinii itti jijjiiree san dhaqe. Qifirinaahomittillee bulchaa mana mooti'ii keessaa, ka mucaan isaa jalaa dhibame tokkotu jira. Innillee Yesuus Yihuuda'aa gara Galiila'aa akka dhufe dhagayee, mucaan isaa dhibamee waan lubbameeruuf, gara isaa dhaqee akka isaa fayyisuuf kadhateen. Kanaafuu Yesuus, «Malkataa fi maalalee yoo argitan malee sirima hin amantan» jedheen. Bulchaanillee, «Gooftaa kiyya, daa'imni kiyya uduu na jalaa hin duune naa dhaqqabi» jedheen. Yesuusillee, «Deemi; mucaan kee fayyeera!» jedheen. Namichillee dubbii Yesuus itti hime amanee deeme. Innillee uduu gala'aaru hojjattoonni isaa isa arganii, daa'imni bee hin fayyee jedhanii itti himan. Innillee hennaa inni itti woyyate jara gaafate. Isaanillee, «Kaleessa sa'aatii torbatti oo'i dhiiseen» jedhaniin. Abbaanillee, Yesuus, «Mucaan kee fayyeera» hennaan jedheen sa'aatii san akka ta'e qaabate. Kanaafuu innillee maatii ufii maraa woliin amane. Kunillee akkasuma Yesuus Yihuuda'aa gara Galiila'aa haga dhufeen maayessa, kana woliin maalalee lammaffa'aa hojjate. Kanaan maayii, Yesuus ayyaana Yihuudotaatii fi gara Yerusaaleemii ol baye. Yerusaaleemiin keessa karra hoolotaa bira haroon afaan Ibiraayiisxiitiin «Beetasayidaa» jedhamtu takkatu jira, isiin karaa ittiin seenan shan qabdi. Kanniin keessatti baniin hedduu worri dhibame, balloonni, worri naafate, worri nafti isaanii laamshaye, socho'uu bisaanii eega'aa achi ciisan. Hennaa gari garii Maleekkaan Rabbii bu'ee bisaan waan sochoosuuf. Haga bisaan socho'een maayessa, hennaa san namni firrisee bisaan keessa seene dhibee maraa irraa hin fayya. Hulee san namicha woggaa soddomii saddeetaaf dhibame tokkotu jira. Yesuus namicha kana uduu inni achi ciisu argee, bara hedduu haala akkasii keessa akka ture beekee, «Fayyuu barbaaddaa?» jedheen. Dhibamaan sun, «Gooftaa kiyya, hennaa bisaan socho'u nama achi keessa na buusu hin qabu, yoo ani buu'uuf tattaafadhu ka biraatitu na firisee keessa bu'a» jedhee deebiseef. Yesuus, «Ka'i, itillee irra ciiftu baadhadhuu deemi» jedheen. Namichillee yoosuu fayyee itillee ufii baadhatee deeme. Guyyaan sun Sambata diqqa'a. Kanaafuu Yihuudonni namicha fayye saniin, «Guyyaan Sambata waan ta'eef, itillee irra ciiftu baadhattee akka deemtu seerri sii hin kennu» jedhaniin. Inni ammoo, «Namicha na fayyise santu, ‹Itillee tee baadhadhu deemi!› naan jedhe» jedhee isaanii deebise. Isaanillee namichi itillee tee baadhadhuu deemi siin jedhe eennuu? Jedhanii gaafataniin. Haata'uu ammoo hulee san baniin heddu waan tureef, Yesuus achii siqee waan tureef; namichi isa fayyise eenuun akka ta'e hin beene. Achiin maayii Yesuus mana woyyuu keessatti isa argeenii, «Kunoo fayyiteerta; wonti kana caalu akka sirra hin geenne, ammaa achi cubbuu hin hojjatin» jedheen. Namichillee deemee ka isa fayyise Yesuusiin akka ta'e Yihuudotatti hime. Guyyaa Sambataatiin waan kana waan godheef Yihuudonni Yesuusiin reebanii ajjeesu'uuf soqa'aa turan. Yesuus ammoo, «Abbaan kiyya haga adhaa hin hojjata; anillee akkasuma hin hojjadha» isaaniin jedhe. Eeganaa Sambata waan diigee calla'aafii miti, akkasuma Rabbi abbaa kiyya jedhee Rabbiin waan uf qixxeesseef, Yihuudonni isa ajjeesu'uuf guddisanii soqaniin. Kanaaf Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe. Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, waan Aabba uduu godhu arge malee, ilmi baallii ufiin womaa godhuu hin danda'u; waan Aabba hojjatu; Ilmillee akkasuma waan hojjatuuf. Aabba Ilma waan jaalatuuf, waan godhu maraa itti mudhisa, akka isin maalalfattaniif hujii kana caalu isatti mudhisa. Akkuma Aabba, worra du'an kaasee jireenna isaanii kennu, akkasuma ilmillee worra jaalatuuf jireenna kenna. Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka dubbii kiyya dhagayu, ka na ergettillee ka amanu jireenna bara baraa qaba; du'aa gara jireennaatitti ceeyeera; gara murtii du'aa hin dhufu. Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, worri du'an laagaa Ilma Rabbii hennaan dhagayan hin dhufa. Innillee ammuma. Worri dhagayanillee lubbu'uun jiraatan. Akkuma Aabba ufitti jireenna qabu, Ilmillee akkasuma ufitti jireenna akka qabaatuuf isaa waan kenneeruuf, Ilma namaa waan ta'eef, akka murtii kennuuf baallii kenneef. «Ani baallii kiyyaan womaa godhuu hin danda'u. Akkuma dhagayetti murteessa. Murtiin kiyyallee qajeela'a. Fedha ka na ergee malee fedha kiyya hin barbaadu. Ani waan kiyya waan mataa kiyyaa yoo rage, ragaan kiyya dhuga'aa miti. Ka waan kiyya ragu ka biraati, ragaan inni waan kiyya ragu akka dhugaa ta'e hin beeka. Isin gara Yohaannisii namoota ergitaniirtan innillee dhuga'aaf rageera. Ani ammoo nama irraa ragaa hin fuudhu. Akka isin fayyitaniif kana jedha malee. Inni ibsoo bobayuu fi ifu. Isinillee bara diqqo'oof ifa sanitti gammaduu barbaaddan. Ani ammoo ragaa ragaa Yohaannisii caalu qaba. Aabba akka raawwaadhuuf hujjii naa kenne. Hujjiin hojjata'aaru kun, Aabba akka na erge waan kiyya waan raguuf. Aabbaan na ergellee waan kiyya rageera. Isin laagaa isaa womaa hin dhageenne. Bifa isaallee hin argine. Isin ka inni ergetti waan hin amanneef, dubbii isin woliin jiraatu hin qabdan. Isin kitaabbilee woyyootaan waan jireenna bara baraa qabdan waan isinitti fakkaatuuf, isaan qortan. Isaan garuu waan kiyya ragan! Haata'uu ammoo jireenna argatu'uuf gara kiyya dhufuu hin feetan. Ani maqaa abbaa kiyyaatiin dhufeera. Isin garuu na hin simanne ka biraa uduu maqaa ufiitiin dhufee, isa ammoo hin simattan. Isin ka wolii ulfinna kennitan ulfinna Rabbii tokkicharraa dhufu worri hin barbaanne attamitti amanuu dandeettan? Ani Abbaa kiyya biratti waan isin himadhu isinitti hin fakkaatin. Ka isin himatu hin jira jedhe; innillee ka isin abdii godhattan Muuse'e. Silaa uduu Muuse'ettuu amantanii jiraattanii, nattillee hin amantan. Inni waan kiyya waan barreesseeruuf. Isin ammoo kitaabota yoo hin amanne dubbii kiyya attamitti amanuu dandeettan? Achiin maayessa Yesuus gara galaana Xibiriyaadoos jedhamuu ka Galiilaa gamaa ceeye. Maalalee dhibamtoota irratti inni godhe waan arganiif baniin hedduu isa faana deeme. Yesuusillee gara gaaraa ol bayee darasoota ufii woliin achi taa'e. Hennaa san Faasikaan Yihuudotaa dhiyaatee ture. Yesuus ijaan ol jedhee baniin hedduu gara isaa uduu dhufu argee, Filiphoosiin, «Xoroshoo namoonni kunniin nyaatan eessaa binnaaf?» jedheen. Inninuu waan godhu'uuf ta'u waan beekuuf, waan inni godhu laalu'uuf kana jedhe. Filiphoos isaan martinuu diqqo diqqoo akka afaaniin qaban uduu binnee, «Xoroshoon saantibii dhibba lamaatuu hin gayuuf» jedhee deebiseef. Darasoota keessaa tokko obboleessi Simi'oon Pheexroos Indiriyaas, «Mucaan xoroshoo garbuu shanii fi qurxumii lamaan qabateeru tokko asi jira jedhe. Haata'uu ammoo namoota haganaa maraaf hin gayu» jedheen. Yesuusillee, «Namoota akka taa'an godhaa'a» jedhe. Hulee san marga gudda'atu jira. Worri dhiiraa ka taa'an laakkofsi isaanii haga kuma shanii gaya. Yesuusillee xoroshoo ol fuudhee galateeffatee, darasootatitti kenne. Darasoonnillee worra taa'aniif kennan. Akkasuma qurxummiillee haga isaan barbaadan hireef. Innillee haga quufaniin maayii darasootaan, «Wonti tokko uduu hin hafin hambaa hafe marumaa wolitti qabaa'a» isaaniin jedhe. Kanaafuu wolitti qaban. Xoroshoo garbu'uu shanan nyaatan keessaa hambaan hafe gindoo kudha lamaa guutan. Sababa Kanaaf namoonni maalalee Yesuus godhe haga arganiin maayii, «Kun dhugama raaga gara adunyaa kanaa dhufe!» jedhan. Sababa kanaaf Yesuus, akka isaan hunnaan isa qabanii, mootii isa godhachu'uuf itti dhufa'aaran beekeeti hojja ufii gara gaaraa ol baye. Hennaa dhiye darasoonni gara galaanaa gad bu'anii yabala keessa seenanii gara gama Qifirnaahomii uduu dhaqa'aaran, Lafti dukkanaaye. Yesuusillee haga hennaa sanii gara isaanii hin dhufne. Bubbeen jabaan waan guddisee bubbiseef galaanni raafame. Haga meetira diddamii shanii yookiin soddomaa haga keessa deemaniin maayii, Yesuus galaana irra deema'aa gara yabala isaanii hennaa dhiyaate arganii isa sodaatan. Inni ammoo, «Anaa hin sodaatinaa'a!» isaaniin jedhe. Kanaaf yabala isaaniitiin isa fudhachuu barbaadan. Yoma san yaballi isaaniillee gara lafa qarqara bisaanii geette. Baniin haga lafti bari'e galaana gama dhaabatanii turan. Yabala takkatti'ii achi Yaballi biraa akka achi hin jirree fi darasoonni isaallee ufumatti waan deema'aaraniif, Yesuus darasoota woliin gara yabalaa akka hin seenne argan. Haata'uu ammoo Yaballan biraa gara hulee Gooftaan buddeena itti eebbisee nyaatan san gara Xibiriyaadosii dhufan. Baniinillee Yesuus yookiin darasoonni achi akka hin jirre haga argan, ufumaa yabala keessa seenanii Yesuusiin soqa'aa gara Qifirinaahoomii dhaqan. Isaanillee galaana gamatti hennaa isa argan «Barsiisaa'a, yoomiin garana dhufte?» jedhaniin. Yesuus deebisee, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, wonti na barbaaddaniif waan buddeena nyaattanii quuftaniif malee, maalalee waan argitaniifii miti. Nyaata baduuf hin hojjatinaa'a. Haata'uu ammoo nyaata jireenna bara baraa ka Ilmi Namaa isinii kennuuf hujaa'a, isa san Rabbi Aabbaan chaapaa ufii waan irra kaayeef.» Eeganaa, «Hujii Rabbii hojjachu'uuf maal haa goonnu?» jedhaniin. Yesuus deebisee, «Hujiin Rabbii kun, ka inni ergetti akka amantaniif» isaaniin jedhe. Eeganaa, «Arginee akka amannuuf maalaleeni ati gootu maali'i? Maal hojjattalle'e? ‹Akka nyaataniif samii irraa xoroshoo kenneeraaf› jedhamee akkuma barreeffame, Abboonni teenna lafa udume'eetitti nyaata sami'ii nyaatan jedhaniin. Yesuusillee, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha! xoroshoo dhuga'aa samii irraa ka isinii kennu Abbaa kiyya malee, Muuse'ee miti. Xoroshoon Rabbii ka sami'ii bu'u ka adunya'aaf jireenna kennu» isaaniin jedhe. Kanaafuu, «Gooftaa'a, nyaata kana hennaa maraa nuu kenni» jedhaniin. Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Xoroshoon jireennaa Ana; ka gara kiyya dhufu horomaa hin beelawu, kanatti amanu hennaa maraa horomaa hin dheebotu. Haata'uu ammoo na argitanii waan hin amanneef kana isiniin jedhe. Ka Aabba naa kennu maruu gara kiyya dhufa. Anillee gara kiyya ka dhufu maraa sirimaa gara diidaa hin baasu. Sami'ii wonti bu'eef, fedha kiyya hojjatu'uuf uduu hin taane, fedha ka na ergee raawwatu'uuf. Fedhiin ka na ergee, worra inni naa kenne maraa keessaa tokkochallee akka hin balleessine guyyaa dhumaa akka isa kaasuuf. Namni Ilma isaa argee itti amanu maruu jireenna bara baraa haa argatuuf fedhiin abbaa kiyyaa kana. Anillee guyyaa dhumaa san hin kaasaan. Eeganaa Yihuudonni, «Xoroshoon sami'ii bu'e ana» waan jedheef isatti guunguman. «Kun Yesuusii ilma Yooseefii ka haadhaa fi abbaa isaa beennu mii? Eeganaa attamitti, ‹Sami'ii bu'e› jedha ree?» jedhan. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Ufii wolitti hin gururi'inaa'a. Abbaan na erge yoo ufitti waame malee, ka gara kiyya dhufuu danda'u hin jiru. Anillee guyyaa dhumaa san isa kaasa. Isaan martinuu worra Rabbiin irraa baratan ta'an jedhamee raattotaan barreeffameera. Eeganaa ka Abbaa irraa dhagayeef ka barate maruu gara kiyya dhufa. Namni Aabbaan arge eennullee hin jiru. Ka Rabbiin biraa dhufetu Aabbaan arge malee, Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka natti amane jireenna bara baraa qaba. Nyaanni jireennaa ana. Abbootiin teessan lafa udume'ee keessatti nyaata mannaa jedhamu nyaatan; haata'uu ammo hin du'an. Namni isa irraa nyaate akka hin duune, buddeenni amma sami'ii bu'e kana. Nyaanni sami'ii bu'e jiraataan Ana. Namni buddeena kana irraa yoo nyaate, bara baraan jiraata. Anillee nyaanni jireenna adunya'aaf kennu foon kiyya» isaaniin jedhe. Eeganaa Yihuudonni, «Namni kun attamitti foon isaa haa nyaannu'uuf nuu kennuu danda'a?» jedhanii wol morman. Kanaafuu Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, foon Ilma Rabbii yoo nyaattaniif, dhiiga isaallee yoo dhuguu dhabaattan, ufitti jireenna bara baraa hin qabdan. Ka foon kiyya nyaatuu fi ka dhiiga kiyyallee dhugu jireenna bara baraa qaba. Anillee guyyaa dhumaa du'aa isa kaasa. Foon kiyya nyaata dhuga'aati, dhiinni kiyyallee dhuddoo dhuga'aa waan ta'eef. Ka foon kiyya nyaatee fi dhiiga kiyyallee ka dhuge na keessa jiraata; Anillee isa keessa jiraadha. Akkuma Aabbaan jiraataan na erge, anillee sababaa Abbaa kiyyaatiin jiraataa akkuma ta'u, akkasuma ka na nyaatullee sababaa kiyyaan jiraataa ta'a. Nyaanni samii irraa bu'e kana. Akka Abbootiin teessan nyaata sami'ii ka mannaa jedhamu nyaatanii du'anii miti. Nyaata kana ka nyaate haga bara baraa jiraata. Waan kana mana sagada Yihuudotaa Qifirinaahoomitti uduu barsiisu jedhe. Darasoota keessaa hedduun isaanii hennaa kana dhagayan, «Kun dubbii nama dhiphisuu, eentu isa dhagayu danda'a?» jedhan. Yesuus ammoo darasoonni waan kanaaf akka gururi'an garaa ufii keessatti beekee, akkana isaaniin jedhe, «Kun isin gufachiisaa? Eeganaa Ilmi Namaa gara hulee dura tureetitti hennaa ol bawu yoo argitan atta ta'ittu? Ka Jireenna namaa kennu Ayyaana Rabbiiti. Foon womaa hin fayyadu, dubbiin ani isinitti hime Ayyaana, jireennallee. Haata'uu ammo, isin keessaa worri hin amanne hin jiran» Yesuusillee worri hin amanne eennu fa'aa akka ta'an ka dabarsee isa kennullee eennuun akka ta'e durumaa waan beekuuf. Kanaaf isiniin jedhe, «Yoo Aabbaan irraa kennameef malee, ka gara kiyya dhufuu danda'u hin jiru» jedhe. Sababaa kanaaf darasoota keessaa heddu isaanii gara duubaa deebi'an; achiin maayessa isa woliin hin deemne. Yesuusillee darasoota kudha lamaaniin, «Isinillee ammo deebitanii deemuu barbaaddanii?» jedhe. Simi'oon Pheexroos, «Gooftaa kiyya, gara eennuu deemna? Ati dubbii jireenna bara baraa qabda. Nullee ati Kiristoos Ilma Rabbii jiraata'aa akka taate amanneerra; beenneerralle'e» jedhee deebiseef. Yesuusillee, «Ani kudha lamaan keessanii mii ka filadhe? isin keessaa tokko daabiloos» jedhee isaanii deebise. Waan kana Yihuudaa ilma Simoonii biyya ka Asiqorotu'uutiif dubbate. Inni kudha lamaan keessaa ta'ullee, ka Yesuusiin dabarsee kennu'uuf ta'u isa waan ta'eef. Achiin maayii Yihuudonni Yesuusiin ajjeesu'uuf soqa'aa waan turaniif, Yihuudaa keessa deddebi'uu waan hin feeneef, Galiilaa keessa deddeema'aa ture. Ayyaanni Yihuudotaa ka daasee keessatti kabajjan dhiyaatee ture. Eeganaa Obboleeyyan, «Darasoonni teellee ammoo hujii ati hojjattu akka arganiif asii ka'iitii gara Yihuuda'aa deemi. Ka uf mudhisuu barbaadu ka dhossa'atti hojjatu waan hin jirreef, yoo waan kanniin gootu adunyaa tanatti uf mudhisi» jedhaniin. Obboleeyyan isaatuu isatti amananii waan hin jirreef. Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Yeroon kiyya waan hin geenneef, hennaan keessan ammoo yoo maraa ka tole. Adunyaan isin jibbuu hin dandeettu; ani ammoo waan hujiin isi'ii dhara ta'uu isi'itti raguuf ana na jibbiti. Isin gara ayyaana kanaa bayaa'a, ani ammoo hennaan kiyya waan hin raawwatamneef, gara ayyaana kanaa hin bayu.» Kana isaaniin jedhee Galiila'atti hafe. Obboleeyyan isaa ammoo gara ayyaanaa haga bayaniin maayii hennaa san innillee akkasuma addaataa uduu hin taane dhokatee baye. Yihuudonnillee, «Inni eessa jira?» jedha'aa Ayyaana irratti soqa'aa turan. Banii jiddu'utti waan isaatiif guungummii heddutu ture. Gari gariin isaanii, «Inni nama mishaa» gariin ammoo, «Banii dogogorsa'aara» jedhan. Haata'uu ammoo, Yihuudota waan sodaataniif eennullee waan isaa addaataa hin dubbatu. Ammallee uduu ayyaanni hin dhumanne wodhakka'aan, Yesuus gara mana woyyu'uu dhaqee barsiisa'aa ture. Yihuudonnillee, «Namni kun uduu hin baranne kitaabbilee attamitti beeka?» Jedha'aa maalalfatan. Kanaaf Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Barumsi kiyya ka na erge biraa malee, ana irraa mit. Ka fedhii isaa raawwatuu jaalatu yoo jiraate, inni barumsi kun Rabbiin irraa yoo ta'e yookiin ka ani ufi irraa dubbadhu yoo ta'e hin beeka. Ka ufirraa dubbatu ulfinna ufii barbaada. Ulfinna ka ergee ka barbaadu ammoo inni nama dhuga'aati. Isa keessa hammeenni hin jiru. Muuseen seera isinii hin kenninee? Isin keessaa ammoo tokkochillee ka seera raawwatu hin jiru. Maaf na ajjeesuu barbaaddan? Baniin deebisee, «Jinnii qabda! Eentu si ajjeesuu barbaada?» jedhaniin. Yesuusillee akkana jedhe isaanii deebise, «Hujima tokko hojjadhee jennaan, isin maruu maalalfattan. Kanaafuu Muuseen gadoomuu isinii kenne, seerri kun abboota irraa malee Muusee irraa miti, Sambataanillee nama gadoomsitan. Namni Sambataan gadoome yoo seera Muusee hin dinee, Ani Sambataan nafa namaa guutuu fayyise'eef naan loltanii? Fuula namaa laalaa murteessuu dhiisaa'a, murtii qajeelaa murteessaa'a.» Kanaafuu namoonni Yeruusaaleemii gari gariin akkana jedhan, «Ka ajjeesu'uuf soqa'aaran kanaamii? Kunoo addaataa dubbata'aara isaan ammoo isaan womaa hin jenne. Bulchoonni namni kun dhuga'aan Kiristoosiin akka ta'e beekinnuu? Nu ammoo namni kun nama eessaa akka ta'e beenneerra. Kiristoos hennaa dhufu eessaa akka ta'e eennullee hin beeku.» Eeganaa Yesuus mana woyyuu keessatti uduu barsiisu, «Ana na beettan, eessaa akka dhufe ammoo hin beettan. Ani ufiin hin dhufne. Haata'uu ammoo inni na erge ka isin hin beenne sun ka dhuga'aati. Laagaa isaa ol fudhatee ani isa biraa dhufe, inni waan na ergeef ani isa hin beeka» jedhe. Kanaaf isa qabu'uuf soqa'aa turan. Haata'uu ammoo hennaan waan hin geenneef eennullee harkaan isa hin tundhe. Banii keessaa namoonni heddu waan itti amananiif, «Kiristoos hennaa dhufe, maalalee kun godhe caalaa godha?» jedhan. Fariisonni baniin waan isaa akka guunguma'aaran dhagayan. Bulchaan gadootaatii fi Fariisonni isa qabu'uuf eedduu mana woyyu'uu itti ergan. Yesuusillee, «Amma hennama diqqoo isin woliin tura, achiin maayessa gara ka na ergee deema, na soxxan ammoo na hin argitan. Isin gara ani jiru dhufuu hin dandeettan» jedhe. Eeganaa Yihuudonni, «Akka nu isa hin argine eessa deemu'uuf ta'aa? Gara worra Giriikiin jiddu'utti bittinnaawaniiranii deemee barsiisu'uuf ta'aa? Innillee, ‹Na soxxan, ammoo na hin argitan, gara ani jirullee dhufuu hin dandeettan› jechi jedhu kun maali'i?» jedha'aa woliin qaaqan. Guyyaa guddaa gaafa dhuma ayyaana Yesuus dhaabatee, «Eennullee ka dheebote yoo jiraate gara kiyya dhufee haa dhuguu. ‹Ka anatti amanu akkuma kitaabni jedhe, bisaan laga jireennaatituu gara'aa burqa› » jedhee laagaa ol qabatee dubbate. Kana ammoo waan Ayyaana Woyyu'uu ka worri isatti amanan argatu'uuf ta'uu san dubbate. Waan Yesuus gara ulfina ol hin bayiniif Ayyaanni Woyyuun hennaa san hin kennamne ture. Kanaafuu banii keessaa namoonni hedduu dubbii kana haga dhagayan, «Inni dhugamaan raaga» jedhan. Kuuwwan ammoo, «Kiristoos» jedhan. Kuuwwan ammoo, «Kiristoos dhuga'aan Galiila'aa dhufaa? Akka Kiristoos fiixaa Daawitii keessaa dhalatuu fi akka inni Beeteliheemii qachaa Daawitiitii dhufu kitaabni hin dubbatuu?» jedhan. Achiin maayessa isa irraa ka sababaa isaatiif baniin wol fooye. Isaan keessaallee gari gariin qabuunii barbaadan. Haata'uu ammoo eennullee harkaan isa hin tundhe. Worri mana sagadaa eegan gara bulchoota gadootaatiif fi gara Fariisotaa hennaa deebi'anii dhufan, Isaan, «Maaf isa fiduu diddan?» isaaniin jedhan. Eedoonni mana sagadaa sun, «Eennullee akka nama kanaa horomaa hin dubbanne» jedhanii deebisaniif. Eeganaa Fariisonni, «Isinillee akkasuma dogoggortanii? Bulchoota yookiin Fariisota keessaa ka isatti amane jiraa? Baniin seera hin beenne kun, abaarama'a!» isaan jedhan. Isaan keessaa Niqoodimoos halkaniin firrisee gara isaa dhufee, «Seerri keenna dura isa irraa uduu hin dhageenne maal akka godhe uduu hin beenne namatti murteessaa?» isaaniin jedhe. Isaanillee deebisanii, «Atillee akkasuma nama Galiila'aatii? Raanni namoota Galiilaa keessaa akka hin kaane qorii laali» jedhaniin. Achiin maayessa martinuu gara mana ufii deeman. Yesuus ammoo gara gaara ejersaa dhaqe. Ganamallee akkasuma gara mana woyyu'uu dhufe; baniin maruu gara isaa dhufan; innillee taa'ee isaan barsiise. Barsiisonninii fi Fariisonni dubartii seebaru'uun qabamte takka gara isaa fidan, isii wodhakkaa dhaabsisanii, Yesuusiin, «Barsiisaa'a, dubartiin ta seebartu kanaaf qabnee sitti finne. Muuseen ta akkanaa tanniin akka tumaman seeraan nu ajajeera, ati hoo waan isi'ii maal jetta?» jedhaniin. Isaanillee waan isa ittiin himatan argatu'uuf isa qoru'uuf kana jedhan. Yesuus ammoo gad jedhee quba ufiitiin lafa irratti barreesse. Deddeebi'anii hennaa gaafataniin ammoo ol jedhee, «Isin keessaa ka cubbuu hin qabne firrisee dhaga'aan isii haa dhayuu» isaaniin jedhe. Ammalee gad jedhee quba ufiitiin lafa irratti barreesse. Isaannillee hennaa kana dhagayan, manguddoota irraa jalqabanii, isaan martinuu tokko tokkoon bayanii isa biraa lixan. Yesuus dubartii jidduu isaanii dhabattee turte woliin hojja ufii hafe. Yesuusillee ol jedhee dubartii sanii achitti eennuunillee haga dhabe, «Dubartii nana jarri si himatan sunniin meeti? worri sitti murteesse hin jiruu?» isi'iin jedhe. Isiinillee, «Gooftaa'a, eennullee hin jiru» jette. Yesuusillee, «Anillee sitti hin murteessu. Deemi; ammaa achi cubbuu hin hojjatin» jedheen. Ammallee Yesuus, «Ani ifa adunya'aati, ka na faana deeme, ifa jireennaatitu ta'aaf malee, dukkana keessa hin jiraatu» jedhee isaanitti dubbate. Fariisonnillee, «Ati waan kee radda, ragaan kee dhuga'aa miti» jedhaniin. Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Ani yoo waan kiyyallee rage, eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu waan beekuuf, ragaan kiyya dhuga'a. Isin ammoo eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu hin beettan. Isin yaada namumma'aatiin murteessitan; Ani nama tokkottillee hin murteessu. Aabbaan na erge na woliin jira; hojja kiyya waan hin jirreef, Ani yoo murteesse murtiin kiyya dhuga'a. Murtiin namoota lamaa, dhugaa akka ta'e seera keessan keessatti barreeffameera. Waan kiyya ka ragu ana, Aabbaan na ergellee waan kiyya raga.» Eegasuu, «Abbaan kee eessa jira?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee, «Anallee yookiin Abbaa kiyyallee hin beettan, ana uduu beettanii Abbaa kiyyallee silaa hin beettan» isaaniin jedhe. Yesuusillee uduu mana woyyu'uu keessatti barsiisu, mana qabeennaa biratti kana dubbate, yoo san hennaan waan hin geenneef eennullee isa hin qabne. Yesuus ammallee, «Ani hin deema; isinillee na soxxan, cubbuu keessaniin duutan; gara ani dhaqu isin dhufuu hin dandeettan» isaaniin jedhe. Yihuudonnillee, « ‹Gara ani dhaqu isin dhufuu hin dandeettan› jechuun isaa uf ajjeesaa laata?» hin beennu jedhan. «Isin ka gadiiti; ani ammoo ka oliiti, isin worra adunyaa tanaati, ani garuu ka adunyaa kanaatii miti.» Eegasuu, «Isin cubbuu keessaniin duutan isiniin jedha. Ani akka ‹Ana› ta'e yoo amanuu dhabatan cubbuu keessaniin duutan» isaaniin jedhe. Eeganaa, «Ati eennu?» jedhaniin. Yesuusillee, «Ani isuma duratti isinitti dubbadhe san. Ani waan keessan waan dubbadhuuf waan murteessu waan hedduu qaba. Haata'uu ammoo ka na erge ka dhuga'aati; anillee ka isa irraa dhagaye kana adunya'atti dubbadha» isaaniin jedhe. Waan Aabbaa akka isaanitti hime isaan hin hubanne. Kanaaf Yesuus, «Hennaa Ilma Namaa ol ol qabdan, akka ani isa ta'e akka Abbaan kiyya na barsiisee kana akka dubbadhuuf malee, ani ufumaan waan tokkollee akka hin goone hennaa san beettan. Ka na erge na woliin jira. Ani hennaa maraa waan isa gammachiisu waan hojjadhuuf, Aabbaan hojja kiyya na hin dhiisu» isaaniin jedhe. Hennaa inni kana dubbate heddu isaanii isatti amanan. Isaanillee deebisanii, «Nu fiixaa Abrahaamii ti; garuu nu hennaa kamiinillee garbicha hin taane, Ati, ‹Bilisa baatan› attamitti nuun jetta?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha; ka cubbuu hojjatu maruu garbicha cubbu'uuti. Garbichillee baraa haga bara baraa mana keessa hin jiraatu. Ilmi ammoo haga bara baraa jiraata. Eeganaa Ilmi yoo bilisa isin baase, dhugamaan bilisa baatan. Akka isin fiixaa Abrahaamii taatanillee ani hin beeka. Haata'uu ammoo jechi kiyya isin keessa waan hin jirreef na ajjeesuu barbaaddan. Ani waan Abbaa kiyya biratti arge dubbadha. Isinillee akkasuma waan abbaa keessan irraa dhageettan gootan. Isaanillee deebisanii Abbaan keennallee Abrahaam jedhaniin. Yesuusillee, uduu ijoollee Abrahaamii taatanii hujii Abrahaamii hojjattan. Haata'uu ammoo amma Ana nama dhuga'aa Rabbiin irraa dhagayee isinitti himu ajjeesuu barbaaddan. Abrahaam ammoo waan akkanaa hin goone. Isin hujii Abbaa keessanii hojjattan» isaaniin jedhe. «Nu ammoo ta seebartu irraa hin dhalanne, Abbaa tokko qabna; Innillee Rabbi» jedhaniin. Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Rabbi Abbaa keessan uduu ta'ee silaa na jaalattan. Ani Rabbiin biraa bayee waan dhufeef, isatu na erge malee, ani ufiin hin dhufne. Isin maaliif dubbii kiyya hin qalbifanne? Dubbii kiyya dhagayuu waan hin dandeenneef Isin ka daabiloosii abbaa keessaniiti. Hawwii abbaa keessanii hojjatuu feetan inni jalqabumaa kaasee lubbuu balleessa. Dhugaan waan isa bira hin jirreef dhuga'aan hin dhaabbanne, soballee yoo dubbatu ufuma irraa dubbata. Sobaa abbaa sobaa waan ta'eef. Ani ammoo waan dhugaa dubbadhuuf na hin amantan. Isin keessaa waan cubbu'uutiif ka na himatu eennu? Yoo ka dhugaa dubadhu ta'e, isin maaf na hin amanne? Ka Rabbiin irraa ta'e, dubbii Rabbii dhagaya; isin worra Rabbii waan hin taaneef, hin dhageettan.» Yihuudonni deebisanii, «Ati nama Samaariya'aa akka taate; jinniin si keessa jira jechuun keenna mishaa jennee mii?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee akkana jedhe, jinniin na keessa hin jiru, Ani Abbaa kiyya hin kabbajja. Isin ammoo na salphiftan. Ani ammoo kabajjamuu hin barbaadu. Ka kabajjamuu kiyya barbaaduu fi ka murteessullee ka biraa hin jira. Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha ka dubbii kiyya eegu yoo jiraate baraa haga bara baraa du'a hin argu. Yihuudonni isaan, «Jinniin akka si keessa jiru amma beenne. Abrahaamilee du'eera, raattonnillee atillee hin duuta. ‹Ka dubbii kiyya eegu yoo jiraate baraa haga bara baraa hin du'u› jetta. Sirimaa ati abbaa keenna ka du'e Abrahaamiin caaltaa? Raattoonillee du'aniiran. Eennuun ta'u'uuf taata ree?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee akkana jedhe, «Ani yoo uf kabajje, kabajjaan kiyya duwwa'a. Ka na kabajju ka isin Rabbii keenna jettan Abbaa kiyya san. Isin isa hin beenne; ani ammoo hin beekaani, ani isa hin beeku uduu jedhee akkuma keessan sobaa ta'a. Haata'uu ammoo ani hin beekaan, dubbii isaallee hin eega. Abbaan keessan Abrahaam guyyaa kiyya argu'uuf gammade. Hin arge hin gammadelle'e» Yihuudonni, «Ati woggaa shantamaatuu uduu hin guunne, Abrahaamiin argiteertaa?» jedhaniin. Yesuusillee, «Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, uduu Abrahaam hin dhalatiin, ani hin jira» isaaniin jedhe. Kanaafuu isaanillee isa tumu'uuf dhagaa itti fudhatan, Yesuus ammoo isaan jalaa uf dhossee isaan jidduu lufee mana woyyu'uu bayee deeme. Uduu karaa san irra lufa'aaru nama urga dhalate irraa jalqabee ballaa ta'e tokko arge. Darasoonnillee, «Barsiisaa'a, akka namni kun ballaa ta'ee dhalatuuf ka cubbuu hojjate eennu? Isa moo worra isaati? jedhanii isa gaafatan. Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, akka hujiin Rabbii isa irratti mudhatuuf malee, inni yookiin maatiin isaa cubbuu hin hojjanne. Uduu hin halkanoofne hujii ka na ergee huja. Halkan eennullee hojjachuu hin dandeenne waan dhufuuf. Ani adunyaa tana irra haga jiru, ifa adunya'aati» Kana jedhee lafatti gadi tufee hancufaan biyyee dukkuuseeti dhoqqee ija ballichaa dibee, «Gara haroo Salihoomiititti dhaqiitii dhiqadhu» jedheen, «Salihoom» jechuun ka ergame jechu'u. Kanaaf dhaqee dhiqatee, arga'aa deebi'e. Ollaan isaatiif achiin dura worri hennaa inni kadhatu arga'aa turan. «Kun ka taa'ee kadhatu sanii mii?» jedhan. Gariin, «Isuma» jedhan; Kuuwwan ammoo, «Waa, isa fakkaata malee, isaa miti» jedhan. Inni ammoo, «Anuma» jedhe. Eeganaa, «Ijji tee attamiin sii banamte ree?» jedhaniin. Innillee deebisee, «Namichi Yesuus jedhamu biyyee jiisee ija tiyya dibee, gara haroo Salihoomii dhaqiitii dhiqadhu naan jedhe. Anillee dhaqee dhiqadhee, arge» jedhe. Isaan, «Inni amma eessa jira?» jedhanii isa gaafatan. «Hin beeku» jedhe. Namicha duraan ballaa ture gara Fariisotaa fidan. Yesuus biyyee dhoqqeessee guyyaan ija isaa itti bane sun Sambata diqqa'a. Kanaaf Fariisonni ammoo attamitti akka arge ammallee isa gaafatan. «Inni dhoqqee ijatti naa godhe hin dhiqadhe ijji tiyyallee hin argite!» isaaniin jedhe. Fariisota keessaa gari gariin, «Namni kun Sambata waan hin kabajjineef Rabbiin irraa hin dhufne» jedhan, kuuwwan ammoo «Namni cubbamaan maalalee akkanaa kanniin godhuu attamitti danda'a?» jedhanii wol fooyan. Sababaa kanaaf namicha ballaa sanniin, «Ati waan namicha ija tee banee maal jetta?» jedhaniin. Innillee, «Raatticha» isaaniin jedhe. Yihuudonni namichi kun akka dura ballaa ta'e, maayessa ammoo akka ijji isaa argite haga worra isaa waamanii gaafatanitti hin amanne. Isaannillee Ilmi keessan ka ballaa ta'ee dhalate jettan kanaa? Eegasuu amma attamitti arguu danda'e ree? jedhanii isaan gaafatan. Maatiin isaallee isaaniin, «Kun mucaa keenna ta'uu ballaa ta'ee dhalatuu isaa hin beenna. Haata'uu ammoo amma attamiin akka arge hin beennu yookiin ija isaa eennu akka bane nu hin beennu isa gaafadhaa'a inni nama gudda'aa, inninuu waan ufii hin dubbataa» jedhan. Maatiin isaa waan Yihuudota sodaataniif kana jedhan, ka inni Kiristoos jedhee ragu yoo jiraate, Yihuudonni mana sagada Yihuudotaatii akka isaan hin baafneef Yihuudonni waan woliigalaniiraniif. Kanaaf maatiin, «Inninuu nama uf danda'ee isa gaafadhaa'a!» jedhan. Kanaaf namicha ballaa ammallee isa waamanii, «Rabbiin kabajji namni kun cubbamaa ta'uu isaa nu hin beenna» jedhaniin. Innillee deebisee, «Ani cubbamaa ta'uu isaa ammoo hin beeku, ani ballaa akka ture, amma ammoo arguu kiyya callaa beeka» jedhe. Ammallee deebisanii, «Maal sii godhe? Attamitti ija tee bane?» jedhaniin. Innillee deebisee, «Qaraa isinitti himeera, isin ammoo na hin dhageenne, maaf lammaffaa dhagayuu feetan? Isinillee akkasuma darasaa isaa ta'uu feetanii?» isaaniin jedhe. Isaan ammoo isa arrabsaniiniiti, «Situ darasaa isaa ti, nu ammoo darasoota Muuse'ee ti. Rabbi akka Muuse'etti dubbate nu hin beenna. Namni kun ammoo, inni eessaa akka dhufe hin beennu!» jedhaniin. Namichillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Eessaa akka dhufe wollaaluun keessan kun waan maalalchiisa'a! Waa maraafuu inni ija tiyya baneera. Ka Rabbiin sodaatu, fedha isaallee ka hojjatu yoo jiraate, isa sanii Rabbi dhagaya malee, cubbamoota akka hin dhageenne hin beenna. Ka ijji isaa ballaa ta'ee dhalate, urga adunyaan uumamte irraa jalaqabee, ka ija ballaa fayyise dhagayamee hin beeku. Namni kun uduu Rabbiin irraa dhufuu dhabaatee silaa womaa godhuu hin danda'u.» Isaan ammoo deebisanii, «Nafti kee hoomaanuu cubbu'uun dhalate. Situ nu barsiisaa?» jedhanii gara diidaa isa baasan. Yesuusillee akka gara diidaa isa baasan hennaa dhagaye, «Ati Ilma Namaatitti amantaa?» jedheen. Innillee deebisee, «Gooftaa kiyya, ani isatti amanu'uufuu inni eennu?» jedhe. Yesuusillee, «Ati isa argiteerta innillee isuma si woliin qaaqa'aaru kana» jedheen. Innillee, «Gooftaa kiyya! Hin amana» jedhee sagadeef. Yesuusillee, «Worri hin argine akka argan, worri argan akka jaaman, ani gara adunyaa tanaa murti'iif dhufeera» jedhe. Fariisota keessaa worri isa woliin jiran ammoo kana dhagayanii, «Nu balla'aa?» jedhaniin. Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Ballaa uduu taatanii silaa cubbuu isinitti hin ta'u, amma ammoo hin argina jettan, cubbuun teessan ammoo akkasumatti jiraatti» jedhe. «Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka gooruu hoolotaa balbalaan hin seenne, ka karra biraatiin bayu ammoo inni hattu'uu fi saamtu'u. Ka balbalaan seenu ammoo tissee hoolotaati ka balbala eegullee hin banaaf. Hoolonnillee laagaa isaa hin dhagayan, innillee hoolota ufii maqaa isaaniitiin waamee, isaan fudhata. Hoolota ufii haga baaseen maayessa afoo isaanii deema, hoolonnillee laagaa isaa waan beekaniif faana isaa deeman. Kaawwan irraa dheessan malee, faanaa hin deeman waan laagaa isaanii hin beenneef.» Yesuusillee fakkeenna kana isaanitti hime, isaan ammoo waan inni itti hime hin qalbifanne. Yesuus ammallee akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ani balbala hoolotaa ti. Ka anaan dura dhufan maruu hattootaa fi saamtota. Haata'uu ammoo hoolonni isaan hin dhageenne. Balbalti ana. Ka na keessaan aseenu yoo jiraate hin fayya, inni hin seena hin bayalle'e hulee itti bobbayullee hin argata Hattuun hatu'uuf, qalu'uuf, balleessu'uuf malee, waan biraatiif hin dhuftu. Ani jireenna isaanii ta'u'uuf akka isaanii baayi'atuuf dhufe.» «Tisseen mishaan ana. Tisseen mishaan hoolota ufiitiif lubbuu ufii dabarsee kenna. Tisseen hoolonni ta isaa hin taane qaxaraman ammoo yayyiin hennaa dhufu yoo arge hoolota dhiisee dheessa; yayyiinillee hin fudhata, hoolotallee adda tamsaasa. Inni Qaxaramaa waan ta'eef, hoolonnillee waan garaa isa hin nyaanneef, ka qaxarame sun hin dheessa, Ani hoolota Gooruu kana keessaa hin taane, hoolota biraallee hin qaba. Isaanillee ammoo as fidutu na irra jira. Isaan laagaa kiyya hin dhagayan. Tika tokko ta'an, tisseenillee tokko. Ani lubbuu tiyyallee akkasuma deebisee fudhatu'uuf dabarsee waan kennuuf Aabba na jaalata. Lubbuu kiyyallee fedha kiyyaan dabarsee kenna malee, eennullee na irraa hin fudhatu, jiraachisu'uuf baallii qaba. Akkasuma kaasu'uufillee baallii qaba. Seera kana abbaa kiyya irraa fudhadhe.» Eeganaa sababaa dubbii kanaatiif Yihuudota wodhakka'atti gargar wol fooyan. Isaan keessaallee namoonni hedduu, «Inni jinnii uf keessaa qaba! maraateera! Isin maaf isa caqaftan?» jedhan. Kuuwwan ammoo, «Kun dubbii nama jinnii qabuu tii miti! Jinniin ija ballootaa banuu danda'aa?» jedhan. Yeruusaalemitti ayyaana mana woyyu'uu haarawoomsu'uutitu jira, hennaan sunillee ganna. Yesuusillee mana woyyuu balbala Salamoonii afoo deddeebi'a'aa ture. Yihuudonni isa marsanii, «Haga yoomii mamii keessa nu tursiifta? Ati yoo Kiristoosiin taate ifa godhii nutti himi» jedhaniin. Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Ani isinitti hime. Isin ammoo hin amantan hujiin ani maqaa abbaa kiyyaatiin hojjadhu kun waan kiyya raga. Haata'uu ammoo akkuma isinitti hime isin waan hoolota tiyya keessaa hin taaneef hin amantan. Hoolonni tiyya laagaa kiyya hin dhagayan anilee isaan beeka; isaanillee na faanaa deeman. Anillee jireenna bara baraa isaanii kenna, baraa haga bara baraallee hin badan, harka kiyya keessaa eennullee isaan hin baasu. Abbaan kiyya ka naa kenne maraa caala, harka Abbaa kiyyaatii eennullee isaan baasuu hin danda'u. Anii fi Aabba tokko.» Achiin maayessa Yihuudonnillee isa tumu'uuf dhagaa itti fudhatan. Yesuus, «Abbaa kiyya irraa hujii mishaa heddu isinitti mudhiseera; isaan kana keessaa waan hujii kamiitiif dhaga'aan na dhayu'uuf taatanii?» isaaniin jedhe. Yihuudonnillee, «Hujii misha'aaf si hin dhoofnu waan arraba keetiitiif, ati nama taatee waan Rabbiin uf gooteef» jedhanii deebisaniif. Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, ‹Isin waaqolee tolfama'a› ka jedhe «Seera keessanitti akkuma barreeffamee mitii? Kitaabni diiggamuu waan hin dandeenneef, worra dubbiin Rabbii dhufeef sanniiniin kitaabni woyyuun, ‹Isin waaqota› yoo isaaniin jedhe, ‹Ani Ilma Rabbii ti› waan jedheef, isin ka Aabba woyyoomsee gara adunya'aa erge, ‹Rabbiin arrabsita› jettaniinii? Ani yoo hujii abbaa kiyyaa hin goone na hin amaninaa'a. Yoo godhe ammoo, anallee yoo amanuu dhabaattan, Abbaan akka ana keessa, anillee akka Abbaa keessa ta'e akka beettanii fi akka qaabattan, hujii isaa amanaa'a.» Eeganaa ammalee deebi'anii isa qabuu barbaadan, inni ammoo isaan jalaa miliqe. Gara hulee Yohaannis duratti cuupha'aa ture Yoordaanosiin gamaa deebi'ee deemee achi bubbule. Namoonni hedduu gara isaa dhufanii, «Yohaannisi malkata tokkollee hin goone, haata'uu ammoo Yohaannis waan nama kanaa wonti dubbate maruu dhuga'a» jedhan. Achitti namoonni hedduu isatti amanan. Ganda Maariyaamiitii fi obboleettii isi'ii Maartaa Biitaaniyaa keessatti namni Alaazaar jedhamu tokko dhibamee ture. Maariyaam ta Gooftaa Urgoo dibdee riffeensa mataa ufiitiin luka isaa haxe. Obboleessi isi'ii Alaazaar dhibamee ture. Kanaaf intallan haadhaa Alaazaarii: «Gooftaa'a! Namni ati jaalattu dhibameera» jedhanii gara isaa ergan. Yesuusillee dhagayee, «Dhibeen kun akka Ilmi Rabbii ittiin ulfaatuuf, ulfinna Rabbiitiif malee ka ajjeesuu miti» jedhe. Yesuus Maartaa, obboleettii isi'iitii fi Alaazariinillee hin jaalata. Haga akka inni dhibame dhagaye, hulee jiru san guyyaa lama oole. Achiin maayessa darasootaan, «Gara Yihuuda'aa haa deemnuu» isaaniin jedhe. Darasoonni isaa, «Barsiisaa'a, Yihuudonni armaan dura si dhayuu barbaadanii turan. Amma ammoo achi deemtaa?» jedhaniin. Yesuusillee deebisee, «Guyyaan tokko sa'aatii kudha lamaa mitii? Ka guyya'aan deemu yoo jiraate, ifa adunyaa tanaa waan arguuf hin gufatu. Ka halkaniin deemu ammoo, ifti isa bira waan hin jirreef hin gufata» isaaniin jedhe. Kana haga dubbateen maayessa, «Jaalalloon keenna Alaazaari rafeera, haata'uu ammoo hirribaa kaasu'uuf deema» jedheen. Darasoonni isaa, «Gooftaa'a, yoo rafee jiraate hin fayya» jedhaniin. Yesuus waan du'a Alaazaarii dubbate, isaan ammoo waan hirriba rafu'uu dubbate isaanitti fakkaate. Achiin maayessa Yesuus ifa godhee, «Alaazaari dhugamaan du'eera; Akka amantaniif achi jiraachuu dhabuu kiyyaaf waan keessaniif na gammachiisa. Haata'uu ammoo gara isaa haa deemnuu!» isaaniin jedhe. Kanaaf Toomaas ka Didimoos jedhamu goshoota isaa darasootaan «Koottaa nullee dhandhee isa woliin duunaa» jedhe. Yesuusillee hennaa dhufe boolla keessatti guyyaa afurii akka ture arge. Biitaaniyaan Kiloomeetira kudha sadihii Yeruusaalemiin irraa fagaatti; Yihuudota keessallee hedduun isaanii du'a obboleessa isaaniitiif Maarta'aa fi Maariyaamiin jajjabeessu'uuf isaan bira dhufan. Maartaan akka Yesuus dhufe haga dhageette, isa reebbachu'uuf baate, Maariyaam ammoo mana keessa teetteerti. Maartaan Yesuusiin, «Gooftaa'a, uduu ati asi jiraattee obboleessi kiyya silaa hin du'u. Ammallee waan Rabbiin irraa kadhattu maraa Rabbi akka sii kennu hin beeka» jette. Yesuusillee isi'iin, «Obboleessi kee hin ka'a» isi'iin jedhe. Maartaanillee, «Gaafa dhumaa hennaa worri du'an du'aa ka'an, akka inni du'aa ka'u hin beeka» jetteen. Yesuus ammoo, «Du'aa ka'uunii fi jireenni Ana, ka natti amanu yoo du'ellee hin jiraata. Jiraata'aa fi kanatti amanu maruu baraa haga bara baraa hin du'u; kana amantaa?» isi'iin jedhe. Isiinillee, «Ee Gooftaa'a, ati ka gara adunyaa tanaa dhufu Kiristoosii Ilma Rabbii akka taate, ani hin amana» jetteen. Kanuma jettee deemtee obboleettii ufii Maariyaamiin hojjatti waamtee, «barsiisaan dhufeera, si waama'aara» jetteen. Isiinillee hennaa dhageette daddaftee gara isaa dhufte. Yesuusillee hulema Maartaan itti isa reebbatte jira malee gara gandaatuu hin seenne. Worri isii jajjabeessu'uuf isii woliin mana keessa turan, Yihuudonni akka Maariyaam jarjartee kaatee baate argan, waan gara awwaalaa dhaxxee achitti booyu'uuf taatu seeyanii faanaa yaa'an. Maariyaamillee hulee Yesuus jiru dhuftee argitee luka isaa jalatti kuftee, «Gooftaa kiyya, uduu ati as jiraattee obboleessi kiyya silaa hin du'u» jetteen. Yesuus isiinii fi Yihuudonni isii woliin dhufan hennaa booyan argeeti, uf keessatti gadde biibbayee, «Eessa keettan?» Isaaniin jedhe. Isaannillee, «Gooftaa kiyya! Koottuu laali» jedhaniin. Yesuusillee imimmaan lolaase. Kanaaf Yihuudonni, «Attam akka isa jaalatu laalaa'a!» jedhan. Isaan keessaa gariin ammoo, «Kun ka ija balla'aa bane, kanallee ammoo akka hin duune godhuu hin danda'uu?» jedhan. Yesuusillee uf keessatti gaddee gara awwaalaa dhufe. Huleen sun goda keessa dhaga'aan cufameera. Yesuus, «Dhagaa irraa kaasaa'a!» jedhe. Maartaan obboleessi isi'ii jalaa du'e, «Gooftaa kiyya, haga du'e guyyaa afur ta'eera, amma ajaayeera!» jetteen. Yesuusillee, «Uduu amantee ulfinna Rabbii akka argitu sitti hin himnee?» isi'iin jedhe. Namoonillee dhagaa awwaalaa irraa kaasan, Yesuusillee ija ufii ol kaasee, «Abbaa kiyya waan na dhageetteef si galateeffadha. Hennaa maraa akka na dhageettu hin beeka. Haata'uu ammoo akka ati na ergite akka amananiif banii as dhaabatu kanaaf dubbadhe» jedhe. Kana jedheeti laagaa gudda'aan Alaazaari gara diidaa as bayi jedhe. Alaazaari akkuma harki isaatiif lutti isaa sattarametti baye. Fuullillee woya'aan akkuma marametti jira. Yesuusillee, «Hiika'aatii gadi dhiisaa'a haa deemuu» isaaniin jedhe. Kanaaf worra gara Maariyaamii dhufan keessaa waan Yesuus godhe haga argan Yihuudonni hedduu isatti amanan. Isaan keessaa gari gariin ammoo gara Fariisotaa dhaqanii waan Yesuus godhe isaanitti himan. Eeganaa bulchoonni gadootaa gumii Fariisotaa wolitti qabanii, «Namni kun Maalalee hedduu waan godha'aaruuf, maal haa goonuu? Akkanatti yoo dhiifne martinuu isatti amanan. Worri Rooma'aa dhufanii biyya teennaaf banii keenna fudhatan» jedhan. Woggama san bulchaan gadootaa Qayyaaffaan, «Isin womaa hin beettan; Ka baniin marti bade irra yoo namni tokko banii'iif du'e woyaa akka ta'e hin yaadanii?» jedheen. Kana inni ufiin hin dubbanne, haata'uu ammoo baruma san bulchaa gadootaa waan tureef, Yesuus bani'iif du'u raaga dubbate. Banii calla'aafii miti, haata'uu ammoo ijoollee Rabbii ta tamsaatellee akka wolitti qabuuf malee. Eeganaa guyyaa sanii jalqabee isa ajjeesu'uuf mari'atan. Achiin maayessa Yesuus addaataa Yihuudii wodhakkaa hin deddeebine. Haata'uu ammoo achuma gara lafa udume'ee bira gara qachaa Efireem jedhamtuu deemee darasootuma ufii woliin achuma taa'e. Faasikaan Yihuudotaa dhiyaatee ture. Namoonni hedduunillee uf qulqulleessu'uuf ayyaana faasika'aatiin duratti gara Yeruusaalemii bayan. Isaan Yesuusiin barbaadaa turan. Mana woyyuu keessa woliin dhaabatee, «Maal isinitti fakkaataa? Inni gara ayyaanaa hin dhufuu laata?» Woliin jedhan. Bulchoonni gadootaatii fi Fariisonillee qabu'uuf hulee inni jiru namni beeku yoo jiraate akka isaanitti mudhisuuf ajajanii turan. Faasika'aan dura guyyaa jahaffa'atti Yesuus gara Alaazaariin ka inni du'aa kaasee gara Biitaaniya'aa dhufe. Achitti nyaata dhiyeessaniif, Maartaanillee isa tajaajilte. Alaazaarillee worra achi taa'an keessaa tokko. Maariyaam urgoo naardoosii ka gatiin isaa guddaa baasu fuutee, luka Yesuusii dibde, luka isaa rifeensa mataa ufiitiin haxxe. Urgoon naardoosiillee mana urgeesse. Haata'uu ammoo darasoota isaa keessaa ka dabarsee isa kennu'uuf ta'u, Yihuudaa biyya Asqorotuu ilma Simi'ooniiti. «Urgoon kun birrii dhibba Sadihiitti gurguramee, maaf hiyyeeyyi'ii hin kennamee?» jedhe. Inni kana wonti dubbateef, waan hattuu ta'eef malee hiyyeeyyi'ii yaadeetii miti, ka korojoo birrii keessa kaayan qabatu isa waan ta'eef, birrii korojoo keessa kaayan fudhata'aa ture. Yesuusillee, «Guyyaa awwaala kiyyaatiif waan qopheessiteef isii dhiisaa'a. Hiyyeeyyiin hennaa maraa waan isin woliin jiraataniif ani ammoo hennaa mara isin woliin hin jiraadhu» jedhe. Yihuudota keessaallee baniin hedduu akka inni achi ture beekanii, Alaazaarii inni du'aa kaase argu'uuf dhufan malee, Yesuusiin calla'aafii mit. Bulchoonni gadootaa Alaazaariin ajjeesu'uuf mari'atan. Yihuudota keessaa hedduun isaanii dhaqanii waan Yesuusitti amananiif. Bariisaa baniin hedduu gara ayyaanaa dhufanii turan. Yesuus gara Yeruusaaleemii akka dhufu dhagayan. Baala meexxi'ii qabatanii simachu'uuf bayan, «Hoosaanaa! ka maqaa Goofta'aatiin dhufu Mootiin Israa'eelii ka eebbifame!» jedha'aa wocan. Darasonnillee waan kana dura hin hubanne, haata'uu ammoo haga Yesuus kabajjameen maayii, hennaa san kun waan isaatiif akka barreeffame kana akka isaa godhan qaabatan. Alaazaariinillee awwaala keessaa waamee worra du'an keessaa hennaa isa kaase, worra isa woliin turee hin rageef. Kanaafuu akkasuma baniin maalalee kana akka godhe waan dhagayaniif isa simmachu'uuf bayan. Kanaaf Fariisonni, «Waan tokkollee godhuu akka hin danda'amne argitanii? Kunoo adunyaan isa faanaa ka'anii deema'aaran!» woliin jedhan. Worra gaafa ayyaanaa sagaduuf bayan keessaa gariin namoota Giriikiiti. Isaan gara Beetasayidaa Galiilaa keessa jirtuu gara nama Filiphoos jedhamuu dhaqanii, «Gooftaa'a, Yesuusiin arguu feena» jedhanii kadhataniin. Filiphosillee dhufee Indiriyaasitti hime, Indiriyaasii fi Filiphoos dhufanii Yesuusitti himan. Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, «Ilmi Namaa kabajjamu'uuf sa'aatiin gayeera. Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, gumaan qamadi'ii lafa buutee lafa keessatti yoo hin duune hojjatti hafti. Yoo duute ammoo, daraaraa hedduu godhatti. Ka lubbuu ufii jaalatu hin balleeffata, ka adunyaa tana irratti lubbuu ufii jibbu jireenna bara baraatiif kaayata. Ka naa hojjatu yoo jiraate, na faanaa haa deemuu; hulee ani jirullee hin jiraata. Ka naa hojjatu yoo jiraate Aabba hin kabajjaan.» «Amma lubbuun tiyya raafamte maal jedhalle'e? ‹Abbaa kiyya hennaa tana jalaa na oolchi jedha moo?› kana akka hin jenne ammoo, ani wonti dhufeef rakkoo tanaaf. Abbaa kiyya! Maqaa kee kabajji!» jedhe. Kanaaf, «Kabajjeera, akkasuma hin kabajjaanillee» laagaan jedhu sami'ii dhufe. Baniin achi dhaabbatanii turan, hennaa dhagayan gigissa'a jedhan, kuuwwan maleekka'atu dubbate jedhan. Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, «Laagaan kun isiniif jedhee dhufeera malee, naafii mit. Murtiin adunyaa tanaa amma gayeera, amma bulchaan adunyaa tanaa gara alaa gatama. Ani lafa irraa yoo ol ka'e nama maraa gara kiyya harkisa» Du'a attamii akka du'uuf ta'u isaanitti mudhisu'uuf kana dubbate. Eeganaa baniin, «Nu Kiristoos akka bara baraan jiraatu seera irraa dhageenneerra. Ati ammoo Ilmi namaa ol fuudhamuu qaba attamitti jetta? Ilmi namaa kunillee eennu?» jedhanii deebisaniif. Yesuusillee, «Ifni amma hennaa diqqo'oof isin woliin uduu jiru, akka dukkanti isin hin liqimsine uduu ifni jiru ifa keessa jiraadhaa'a, ka dukkana keessa jiraatu garam akka deemu hin beeku. Ijoollee ifaa akka taataniif, uduu ifa qabdan ifatti amanaa'a» isaaniin jedhe. Yesuus kana dubbatee, lixee isaan jalaa miliqe. Isaayyaas waan ulfinna isaa argeef kana jedhe, waan isaallee dubbate. Kana woliin bulchoonni hedduu akkasuma isatti amanan, akka Fariisonni mana sagada Yihuudotaa keessaa isaan hin baafneef, isaa ragaa hin baane. Ulfinna Rabbii caalaa, ulfinna namaa waan jaalataniif. Yesuusillee laagaa ol qabatee akkana jedhe, «Ka anatti amanu kana ergetti amane malee anattii miti. Namni ka na argu ka na ergellee hin arga. Kanatti amanu maruu dukkana keessa akka hin jiraanne ani ifa ta'ee gara adunya'aa dhufeera. Adunyaa fayyisu'uuf malee adunya'atti murteessu'uuf waan hin dhufneef, dubbii kiyya dhagayee, ka hin eenne yoo jiraate ka itti murteessu anaa miti. Ka na jibbu ka dubbii kiyyallee hin fudhane, inni ka isatti murteessu hin jira. Dubbiin ani dubbadhe gaafa dhumaa itti murteessa. Ani ufii waan hin dubbanneef, haata'uu ammoo Abbaan na erge inni, waan jedhuuf ajaja dubbadhullee naa kenneera. Ajanyillee jireenna bara baraa akka taate hin beeka. Kanaaf ani ka dubbadhu akka Abbaan natti himetti dubbadha» jedhe. Yesuusillee ayyaana Faasika'aa dura adunyaa kana irraa hennaan gara Abba'aa deemu akka gaye beekee, worra isaa ka adunyaa kana irra jiran, worra jaalate haga dhumaa jaalate. Uduu hurbaataa nyaata'aaran daabiloos onnee Yihuudaa ilma Simoon ka biyya Asqorootu'uu akka inni dabarsee isa kennu haga hubateen maayii, Yesuus Aabbaan maraa harka isaatitti dabarsee akka kenne Rabbiin biraallee akkuma baye, gara Rabbiillee akka deemu beekee, Nyaata irraa ka'ee uffata ufii lafa kaayatee carqii ittin luka gossu fuudhee mudhi'itti hidhatee. Bisaan waan luka namaa ittiin dhiqanitti buuse. Luka darasootaa dhiqee carqii mudhi'itti hidhateen gossuu jalqabe. Gara Simoon Pheexroosii dhufee, innillee, «Gooftaa'a! luka kiyya dhixxaa?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Waan ani godhu ati amma hin beettu, maayii ammoo hin hubatta» jedheen. Pheexroosillee, «Luka tiyya baraa haga bara baraa hin dhixxu» jedheen. Yesuusillee, «Yoo si dhiqe malee, na woliin hiree hin qabdu» jedhee deebiseef. Simoon Pheexroosillee, «Gooftaa'a! Eegasuu, luka kiyya calla'aa mitii, harka kiyyaa fi mataa kiyyallee naa dhiqi!» jedheen. Yesuusillee, «Ka dhiqate luka dhiqachuu malee ka biraa hin barbaachisuun nafti maruu ammoo qulqullu'u. Isinillee qulqulloota, haata'uu ammoo isin maraa miti» jedheen. Ka dabarsee isa kennu waan beekuuf; kanaafuu, «Isin marti qulqullootaa miti» isaaniin jedhe. Luka isaaniillee dhiqee, uffata ufii fudhatee deebi'ee taa'ee akkana isaaniin jedhe, «Waan ani isinii godhe hubattuu?» Isin, ‹Barsiisa'aa fi Gooftaa› naan jettani, akkasuma waan ta'eef mishaa jettan. Eeganaa ani, Gooftaa fi barsiisaa yoo ta'u luka keessan yoo dhiqe isinillee akkasuma luka wolii dhiqaa'a. Akkuma ani isinii godhe isinillee akkasuma akka gootaniif fakkeenna isinii kenneera. Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha garbichi Gooftaa isaa hin caalu ergamaanillee ka isa erge hin caalu. Beetanii kana yoo gootan isin worra eebbifame. «Waan keessan maraafi hin dubbadhu, ani worra filadhe san hin beekaa, haata'uu ammoo kitaabni, ‹Ka harka kiyya irraa nyaate deebi'ee natti ka'e› dubbiin jedhu akka raawwattamuuf. Hennaa wonti sun ta'e ana akka ta'e akka amantaniif ammaa jalqabee firrisee uduu hin taane isinitti hima. Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, namni nama ani erge simatu, na simata, ka na simatu ka na erge simata.» Yesuus kana jedhee keessi isaa raafamee, «Dhugama dhuga'atiin isiniin jedha, isin keessaa tokko dabarsee na kenna» jedhee rage. Darasoonni waan eennuu akka dubbate mamaniiti deebi'anii wol laalan. Darasoota keessaa ka Yesuus jaalatu ka qoma Yesuusiititti siqeeru, Simoon Pheexroos, isa ijaan dhayeeti, «Waan eennuu akka dubbatte nutti himi» jedheen. Innillee gara qoma Yesuusii achi siqee, «Gooftaa'a, eennu inni?» jedheen. Yesuusillee, «Ka Ani xoroshoo cabsee kennuuf san» jedhee deebiseef, kutaa xoroshoo fuudhee waan unataniin tuqee ilma Simoonii Yihuudaa ka biyya Asqorootu'uutii kenne. Ka inni kutee kenneef haga fudhateen maayessa hennama san, Seexanni itti gale; Eeganaa Yesuus, «Waan godhu'uuf taatu dafii godhi!» jedheen. Haata'uu ammoo worra taa'an keessaa maaf akka kana jedhe eennullee hin hubanne. Yihuudaan waan korojoo qabatuuf, Yesuus ayyaanaaf waan barbaachisu akka bitu yookiin hiyyeeyyi'iif kennaa akka kennuuf gariin waan kanaaf jedhe isaanitti fakkaatee ture. Innillee kutaa san haga fudhateen maayii yoosuu baye, hennaanillee halkan. Haga bayeen maayessa Yesuus akkana jedhe, «Amma Ilmi Namaa ulfaateera; Rabbillee waan isaatiif ulfaateera. Yoo Rabbi sababaa isaatiif kabajjame, Rabbillee akkasuma isa kabajja. Yoma san kabajjaanille'e. Ijoollee tiyya amma hennaa diqqoo isin woliin taa'a isin na soxxan, ‹Hulee ani dhaqu dhaquu hin dandeettan› jedhee Yihuudotatti akkuma hime isinttillee hima. Akka wol jaalattan, akkuma anillee isin jaaladhe, isinillee akkasuma akka wol jaalattan ajaja haarawa isinii kenna. Yoo jaalala wolii qabaattan, darasoota kiyya akka taatan, namoonni maruu kanaan isin beekan.» Simoon Pheexroosillee, «Gooftaa'a! Eessa dhaqa'aarta?» jedhee isa gaafate. Yesuusillee, «Gara ani deemu amma na faana deemuu hin dandeettu; haata'uu ammoo maayii na faanaa dhufta» jedhee deebiseef. Pheexroosillee, «Gooftaa'a! Amma wonti si faanaa deemuu hin dandeenneef maali'i? Lubbuu tiyya sii kenna» jedheen. Yesuusillee akkana jedhee deebiseef, «Lubbuu tee naaf kennitaa? Dhugama dhuga'aatiin siin jedha uduu lukkuun hin iyyin hennaa sadi na ganta» jedheen. «Garaan keessan hin raafamin, Rabbitti amanaa'a; nattillee ammoo amanaa'a! Mana Abbaa kiyyaa keessa huleen jireennaa heddutu jira; silaa uduu hin jiraanne ta'ee kana isiniin hin jedhu. Hulee isinii qopheessu'uuf deema, Dhaqeellee hulee yoo isinii qopheesse, hulee ani jiraadhu isinillee ammoo akka jiraattan lammata deebi'ee dhufee, gara kiyya isin fudhadha. Gara ani dhaqullee hin beettan. Karaallee hin beettan» jedhe. Toomaasillee, «Gooftaa'a! Gara ati deemtu hin beennu karaa attamiin beenna?» jedheen. Yesuusillee, «Ani kara'a, dhuga'aa fi jireenna. Anaan malee ka gara Aabbaa dhufu hin jiru. Ana uduu beettanii, akkasuma Abbaa kiyyallee hin beettan. Amma irraa jalqabdanii hin beettan argitaniirtanille'e» jedheen. Filiphoos, «Gooftaa'a, Aabbaan nutti mudhisi nu gayaa» jedheen. Yesuusillee akkana jedheen, «Ati Filiphoosi haga bara kana maraa isin woliin hennaa jiraadhe na hin beettuu? Ka na arge Aabbaan argeera, attamitti ati, ‹Aabbaan nutti mudhisi› jettaa? Akkuma Ani Aabbaan keessa jiru, Aabballee na keessa akka jiru hin amantuu? Ani dubbii isinitti himu uf irraa hin dubbadhu. Uf irraallee isinitti hin himu. Haata'uu ammo ka na keessa jiru inni Aabba hujii ufii hin hojjata. Ani akka Aabbaan keessa jiru Aabballee akka na keessa jiru na amanaa yoo ta'uu dhabaatellee waan hujii isaatiif na amanaa'a. Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka natti amanu hujii ani hojjadhu hojjata; ka san caalu hojjata. Ani gara Aabbaa waan deemuuf, Aabballee waan Ilmaatiin akka kabajjamu waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa hin godha. Woma kamiinillee maqaa kiyyaan yoo kadhattan, Ani hin godha. Yoo na jaalattan ajaja kiyya eegaa'a. «Ani akka ijoollee abbaa hin qabneetitti ani isin hin dhiisu gara keessan dhufa. Amma bara diqqo'otu hafe achiin maayessa adunyaan na hin argitu. Isin ammoo na argitan, ani jiraataa waan ta'eef. Isinillee akkasuma jiraattota taatan. Akka ani Aabbaa kiyya keessa jiru akka isinillee na keessa jiraattan akka anillee isin keessa jiru gaafa san hin beettan. Ka ajanyi kiyya isa bira jirtu eegu, ka na jaalatu isa, ka na jaalatu Abbaan kiyya hin jaalataan, anillee hin jaaladhaan ufillee itti mudhisa.» Yihuudaa nama biyya Asqorootu'uu uduu hin taane, Yihuudaan biraa, «Gooftaa kiyya! biyya lafaatitti uduu hin taane attamitti nutti uf mudhifta?» jedheen. Yesuusillee deebisee akkana jedheen, «Ka na jaalatu yoo jiraate dubbii kiyya eega, Abbaan kiyyallee hin jaalataan gara isaallee hin dhufna, isa bira jiraanna. Kana hin jaalanne dubbii kiyya hin eegu; dubbiin dhageettanillee ka na ergeetti malee, kiyyaa miti. «Ani isin bira hennaa jiru, kana isinitti himeera. Ayyaanni Woyyuun Abbaan kiyya maqaa kiyyaan ergu ammoo booharsaan inni waa maraa isin barsiisa. Waan ani isinitti hime maraa isin qaabsisa. «Ani nagaya isinii dhiisa. Nagaya kiyyallee isinii kenna, nageenni ani isinii kennu, ka akka Adunyaan isinii kennituu miti. Garaan keessan hin raafamin; hin sodaatina'alle'e. ‹Ani hin deema, gara keessanillee hin dhufa› akka isiniin jedhe dhageettaniirtan. Uduu ka na jaalattan ta'ee, waan Aabba na caaluuf, gara Aabbaa waan deemeef silaa hin gammaddan. Haga ta'een maayessa akka amantan kun uduu hin taane isinitti himeera. Ammaa achi isin woliin waan heddu hin qaaqu, bulchaan adunyaa tanaa waan dhufuuf, inni na irraa waan tokko hin qabu. Haata'uu ammoo ani Aabbaan akka jaaladhu adunyaan akka beettu, akka Abbaan na ajaje akkasuma godha. Ka'aa asii haa deemnuu.» Jirmi woyini'ii ka dhuga'aa ana. Ka isa dhaabee guddisellee Abbaa kiyya. Damee daraaraa hin baafne ka na irra jiru maraa Abbaan kiyya kutee gata; ka daraaru maraa guddisee akka daraaru hin tottolcha. Isin dubbii amma ani isinitti hime kanaaf qulqulloota. Ana keessa jiraadhaa'a, anillee isin keessa jiraadha. Dameen yoo jirma woyini'ii irra hin jiraanne, ufitti daraaraa daraaruu akka hin dandeene, akkasuma isin ammoo ana keessa yoo hin jiraanne daraaruu hin dandeettan. «Ani jirma woyini'ii ti, isinilee damee kiyya, anaan addatti womaa godhuu waan hin dandeenneef, ka naan jiraatu, ka anilee isa keessa jiraadhu inni daraaraa heddu daraara. Ka ana keessa hin jiraanne yoo jiraate, akka dame'e muramee gara diidaa gatama, hin goga; dameewwan akkasii wolitti qabamee ibiddatti gatamee gubama. Na keessa yoo jiraattan dubbii yoo isin keessa jiraate waan barbaaddan maraa kadhadha'aa isinii ta'a. Uduu daraaraa heddu godhattanii darasoota kiyya taatani, Abbaan kiyya kanaan kabajjama. Akkuma Abbaan kiyya na jaalate, anillee akkasuma isin jaaladheera. Jaalala kiyyaan jiraadhaa'a. Akkuma ani ajaja Abbaa kiyyaa eegee jaalala isaatiin jiraadhu, yoo ajaja kiyya eeddan, jaalala kiyyaan jiraattan. Akka gammachuun kiyya isin keessa taa'u gammachuun keessanillee akka raawwatamu kana isinitti himeera. Akkuma ani isin jaaladhe, isinillee akka wol jaalattan ajanyi tiyya tana. Lubbuu ufii jaalalloota ufiitii kennuu caalaa, jaalala kana caalu eennullee hin qabu. Waan ani isin ajaje maraa uduu gootanii isin jaalalloota tiyya. Eegasuu ammaa achi garboota isiniin hin jedhu, garbichii waan Gooftaan godhu waan hin beenneef; jaalalloota tiyya isiniin jedheera, waan Abbaa kiyya irraa dhagaye maraa isinitti beessiseera. Anatu isin filate malee, isin na hin filanne, Aabballee waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa akka isinii kennu, deemtanii daraaraa akka godhattan, daraaraan keessanillee akka jiraatuuf isin muude. Akka isin wol jaalattan kana isin ajaja» jedhe. «Adunyaan yoo isin jibbite isiniin dura akka na jibban beekaa'a. Isin worra adunya'aa uduu taatanii adunyaan waan ufii hin jaalatti. Isin ka adunyaa kanaa waan hin taaneef adunyaa irraa isin filadhe. Kanaaf adunyaan isin jibbiti. Garbichi Gooftaa hin caalu jedhee dubbii isinitti hime qaabadhaa'a, yoo na ari'anii jiraatan, isinillee akkasuma hin ari'an; dubbii kiyya yoo eeganii jiraatan, dubbii keessanillee akkasuma eegan. Haata'uu ammoo isaan ka na erge waan hin beenneef, kana maraa maqaa kiyyaaf jedhanii isin irratti godhan. Ani uduu dhufee isaanitti himuu dhabaadhee silaa cubbuu isaanitti hin ta'u. Amma ammoo cubbuu isaaniitiif sababa hin qaban. Ka na jibbu akkasuma Abbaa kiyyallee hin jibba. Hujii namni biraa hin goone isaan wodhakka'atti uduu godhuu dhabaadhee silaa cubbuu isaanitti hin ta'u. Amma ammoo anallee Abbaa kiyyallee arganii, jibbaniiran. Haata'uu ammoo seera isaaniititti akkanumaan na jibban jedhamee dubbiin barreeffame akka raawwatamuuf kun ta'e. Haata'uu ammoo ka ani Aabbaa biraa isinii ergu jajjabeessaan, innillee ka Abbaa biraa dhufu Ayyaanni dhuga'aa hennaa dhufe, inni waan kiyya ragaa baya. Isinillee akkasuma jalqabumarraa waan na woliin jiraataniif hin raddan» jedhe. Akka hin guffanneef kana isinitti hime. Mana sagada Yihuudotaa keessaa isin baasanii kana caalaallee akkasuma worri isin ajjeesan maruu akka waan Rabbii hojjataaranii hennaan isaanitti fakkaatu hin dhufa. Kanallee wonti isin irratti godhaniif, Aabbaa fi anallee waan hin beenneef. Haata'uu ammoo yoo hennaan gaye, akka ani isinitti himetti akka yaaddaniif kana isinitti hime. Qara waan isin woliin jiruuf kana isinitti hin himne. Amma ammoo gara ka na ergee deema; isin keessaallee eessa deemta? jedhee ka na gaafatu hin jiru. Haata'uu ammoo kana waan isinitti himeef gaddi garaa keessan keessa guuteera. Ani ammoo dhugaa isinitti hima, ani yoo deeme isinii woyya. Yoo ani hin deemnee ka isin jajjabeessu gara keessan waan hin dhufneef, ani yoo deeme ammoo isa isinii erga. Innillee dhufeeti waan cubbuu, waan qajeellumma'aatii fi waan murti'ii adunya'atti hima. Waan murti'iitiif ammo bulchaa adunyaa tanaatitti duraanuu murteefameera. «Waan isinitti himu ammallee waan heddu qaba. Haata'uu ammoo mara isaa qaabachuu hin dandeettan. Inni Ayyaanni dhuga'aa ammoo hennaa dhufe gara dhuga'aa maraa isin geessa. Waan dhagayu mara dubbata malee, ufi irraa waan hin dubbanneef waan dhufullee isinitti hima. Inni na kabbajja narraa fuudhee isinitti waan himuuf. Wonti Aabbaa maruu kiyya. Kanaaf, ‹Ka ani qabu irraa fuudhee isinitti hima› jedhe. Hennaa diqqo'oon maayessa na hin argitan, akkasuma hennaan diqotu jira na argitan, ani gara Aabbaa waan deemuuf. Darasoota keessaa gariin, « ‹Hennaa diqo'otu jira, na hin argitan; ammallee hennaa diqo'otu jira, na argitanille'e; deebi'ee gara Aabbaa deema› ka jedhu kun maali'i?» woliin jedhan. Eeganaa, « ‹Hennaa diqoo ka jedhu kun maali'i?› waan inni dubbatu hin beennu» jedhan. Yesuusillee akka gaafachu'uuf ta'an beekee akkana isaaniin jedhe, « ‹Hennaan diqqoon hin jirti na argitanille'e, akkasuma hennaan diqqoon hin jirti na hin argitan› waan jedheef, kana wol qortanii? Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, isin hin boottan mararoo baafattan, biyyi lafaa ammoo hin gammada. Isin hin gadditan. Haata'uu ammoo gaddi keessan gara gammachu'uu jijjiirama. Dubartiin hennaa deettu jiini dayiinsa isi'ii waan itti gayeef hin gadditi, haata'uu ammoo yoo daa'ima deetteen maayii waan namni biyya lafaatitti dhalateef sababa gammaddeef maayessa dhiphachuu isi'ii san maraa hin irraanfatti. Eeganaa isinillee akkasuma, amma hin gadditan. Haata'uu ammoo deebi'ee isin arga, garaan keessan hin gammada gammachuu keessanillee ka isin jalaa fudhatu hin jiru. «Guyyaa san, ana irraa waan tokko hin kadhattan, dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha Aabba waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa isinii kenna. Haga ammaa maqaa kiyyaan womaa hin kadhanne. Gammachuun keessan guutuu akka ta'u kadhadhaa'a hin argatanii. «Kana fakkeennaan isinitti himeera. Haata'uu ammoo waan Aabba addaataa isinitti himu malee achiin gama mammaakaan hennaan hin dubbanne hin dhufa. Guyyaa san maqaa kiyyaan kadhattan. Anillee waan keessaniif Aabbaan isinii kadhadha isiniin hin jedhu. Isin waan na jaalattaniif Rabbiin biraallee akka Ani dhufe waan amantaniif Aabba inninuu waan isin jaalatuuf. Abbaa biraa bayee gara biyya lafaa dhufeera; ammallee biyya lafaa gad dhiisa; gara Aabbaallee hin deema. Darasoonni kunoo amma addaataa dubata'aarta, womaa fakkeennaan hin dubbattu. Maraa akka beettuuf eennullee si gaafachuu akka hin barbaanne amma beenneerra, kanaaf Rabbiin biraa akka dhufte hin amanna» jedhaniin. Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, «Amma hin amantanii? Amma isin maruu gara manaa hennaan bittinnooftan, sa'aatiin nallee hojjatti dhiiftan hin dhufa ammaa gayeera, haata'uu ammoo Aabba waan na woliin jiruuf hojja kiyyaa mit. Nageenni na'aan akka isinii ta'uuf kana isinitti himeera, biyya lafaa keessa hennaa jirtan hin rakkattan, haata'uu ammoo jabaadhaa'a! womaa mit ani biyya lafaa mooyadheera.» Akka ati Waaqa dhuga'aa taatee fi Yesuus Kiristoosiinillee akka ergite akka beekaniif tun jireenna bara baraa ti. Hujii akka ani hojjadhu ati naa kennite raawwadhee lafa irratti si kabajjeera. Ammallee Abbaa kiyya ulfinna uduu adunyaan hin uumaminiin duratti si biraa qabuun ati uf biratti na kabajji! «Namoota adunyaa irratti naa kennite biratti maqaa kee ibseera. Worra kee turan, ati naa kennite. Isaanillee dubbii kee eeganiiran; Ka naa kennite maruu sirraa akka ta'e amma hin beekan. Dubbii naa kennite waan isaanii kenneera; isaanillee fudhataniiran; si biraallee akka dhufe dhugamaan beekaniiran akka ati na ergitellee amananiiran. Ani waan kanniin si kadhadha. Waan adunya'aatiif si hin kadhadhu; isaan waan naa kenniteef kan keellee waan ta'aniif. Kiyya maruu keeti, kankeellee kiyya. Anillee waan isaaniitiif kabajjameera. Ani ammaa achi adunyaa irra hin jiraadhu, isaan adunyaa kana irra jiraatan. Anillee gara kee dhufa. Abbaa Woyyuu'u ka naa kennite kanniin akka keenna tokko akka ta'aniif maqaa keetiin eegi. Ani isaan woliin hennaa adunyaa tana irra jiru worra naa kennite maqaa keetiin eegeera; wonti kitaabni jedhe akka raawwatamuuf ilma badi'ii malee isaan keessaa eennullee hin banne Ammallee gara kee hin dhufa isaan biratti gammachuun kiyya ka raawwatame akka isaaniif ta'u kana biyya lafaa keessatti dubbadha. Ani dubbii kee isaanii kenneera. Akkuma ani ka adunyaa tanaa hin taane isaanillee ka adunyaa tanaa waan hin taaneef biyyi lafaa isaan jibbite. Hamaa irraa akka isaan eedduuf malee biyya lafaa tana keessaa akka isaan baaftu si hin kadhadhu. Akkuma ani ka adunyaa kanaa hin taane isaanillee ka adunyaa kanaatii miti. Dhugaan isaan woyyoomsi dubbiin kee dhuga'aa. Akkuma gara adunyaa tanaa ati na ergite akkasuma anillee gara adunyaa isaan ergeera. Isaannillee akkasuma dhuga'aan worra woyyooman akka ta'an ani waan isaaniitiif uf woyyoomsa. «Abbaa! Uduu adunyaan hin uumamne waan na jaalatteef, ulfinna naa kennite akka argan hulee ani jiru; isaaniin naa kennitellee akkasuma woliin akka ta'an jaaladha. Abbaa qajeelaa, adunyaan si hin beenne, ani ammoo si beeka. Kunniinillee akka ati na ergite hin beekan. Jaalalli na jaalatteen isaan keessa akka ta'u, anillee isaanitti maqaa kee beessiseera, ammallee hin beessisa» jedhe. Yesuus kana jedhee gara hulee biqiltuun jirtu gara Qeediroonii laga gama darasoota woliin dhaqe. Inninii fi darasoonnillee achi seenan. Yesuusii fi darasoonnillee hennaa hedduu achitti waan wol gayaniif ka dabarsee isa kenne Yihuudaanillee hulee san hin beeka. Kanaaf Yihuudaan loltoota bulchoota gadootaaf, Fariisonnillee ergamtoota simatanii, ibsoo shawa'aa, uffata lolaa, wonte'ee fi eboo qabatee garas isa faana dhufe. Yesuusillee waan itti dhufuuf ta'u maraa beekee bayee, «Eennuun soqa'aartan?» isaaniin jedhe. «Yesuusii Naazireetii ti» jedhanii deebisaniif. Yesuus, «Aninuu isa» isaaniin jedhe. Yihuudaan dabarsee isa kennellee isaanuma woliin dhaabateera. Eeganaa haga inni, «Aninuu isa» isaaniin jedheen maayessa uf duubaan sissiiqanii lafatti gad kufan. Akkasuma ammallee, «Eennuun barbaaddan?» jedhee isaan gaafate. Isaannillee, «Yesuusii Naazireeti'iiti» jedhaniin. Yesuus deebisee ana isaaniin jedhe. Eeganaa Ana yoo soqa'aa jiraattan, kunniin haa deemanii dhiisa'aanii jedhe. Kunillee, « Ka naa kennite kanniin keessaa tokkichallee hin balleessine» dubbiin jedhu akka raawwatamuuf. Simoon Pheexroos guraadee waan qabateeruuf ol luqqifatee garbicha bulchaa gadootaa dhayee, gurra mirgaa irraa mure. Maqaan garbichaallee Maalkoos jedhama. Yesuusillee Pheexroosiin, «Guraadee kee qola keessatti gad deefadhu! Mijuu Abbaan kiyya naa kenne hin dhuguu?» jedheen. Eeganaa loltoonninii fi ajajaan kumaa hojjattoonni Yihuudotaallee Yesuusiin qabanii hidhan. Dura gara Haanna'aa fidan. Haannaan soddaa Qayyaaffa'aati, Qayyaaffaan ammoo bara san bulchaa gadootaati. Qayyaaffaanillee namni tokko waan bani'iitiif du'uu woyya jedhee kaYihuudota gorse ture. Simoon Pheexroosii fi darasaan biraallee Yesuusiin faana deeman. Darasaan sun bulchaa gadootaa biratti beekkama'a. Gara dallawa bulchaa gadootaa Yesuusiin woliin seene. Pheexroos ammoo diida balbala dhaabateera. Eeganaa bulchaa gadootaa biratti beekkamaa ture. Darasaan biraallee bayee, ta balbala eeddutti himee, Pheexroosiin seensise. Hojjattuun balbala eeddu Pheexroosiin, «Atillee darasoota keessaa tokkoomii?» jetteen. Inni ammoo, «Waa, ana miti» jedhe. Waan qorri tureef hojjattoonniniif eeddoonni ibiddaa bobeessanii, dhaabatanii, oo'ifata'aa turan. Pheexroosillee akkasuma isaan woliin dhaabatee oo'ifata'aa ture. Bulchaan gadootaa Yesuusiin waan darasootaatii fi waan barumsaa gaafateen. Yesuusillee deebisee, «Ani namoota afo'otti addaataa Adunyatti dubbadheera. Mana sagada Yihuudonni maruu itti wolgayanitti Mana Woyyuu keessatti, Ani hennaa maraa barsiiseera; dhossa'atti womaa hin dubbanne. Waan maali'ii na gaafattan? Worra waan ani itti hime dhagayan gaafadhu. Kunoo kunniin waan ani dubbadhe hin beekan jedheen. Hennaa inni kana jedhe, worra hojjattootaa ka achi dhaabata'aa turan keessaa tokko, «Bulchaa gadootaatitti akkana deebiftaa?» jedhee, Yesuusiin dhabanaasa'aan dhaye. Yesuusillee deebisee, «Badaa dubbadhee yoo jiraadhe, waan hama'aaf ragi, yoo waan mishaa dubbadhee jiraadhe ammoo maaf na dhoofta?» jedheen. Kanaaf Haannaan Yesuusiin akkuma hidhameen gara bulchaa gadootaa gara Qayyaaffa'aa ergeen. Simoon Pheexroosillee dhaabatee ibidda oo'ifata'aa ture. Eeganaa «Ati ammoo darasoota isaa keessaamii?» jedhaniin. Innillee, «Anaa miti» jedhee gane. Firri namicha Pheexroos gurra muree tokko, ka garbicha bulchaa Gadootaa ta'e keessaa, «Ani hulee biqiltu'uutitti isa woliin si hin arginee?» jedheen. Akkuma Pheexroos lamaffaa ganeen yoosuu lukkuun iyye. Yesuusiin qe'ee Qayyaffa'aatii gara moonaa bulchaa fidaniin, hennaan sunillee ganama ture. Isaannillee hoolaa ayyaana Faasika'aa waan nyaachuuf ta'aniif akka hin xuroofneef jedhanii gara Kaloo bulchaa hin seenne. Kanaaf Philaaxoos gara diidaa gara isaanii bayee, nama kana waan maali'iitiif himattan isaaniin jedheen. Isaanillee deebisanii, «Kun uduu ka hamaa hin hojjanne ta'ee, silaa sitti dabarsinee hin kenninu» jedhaniin. Philaaxoos, «Isin deema'aatii akka seera keessaniititti itti murteessaa'a» isaaniin jedhe. «Nu eennuunillee akka ajjeefnuuf seerri nuu hin kennu» jedhaniin. Yesuus du'a attamii akka du'uuf ta'u mudhisu'uuf jedhee dubbate sun akka raawwatamuuf. Philaaxoosillee deebi'ee gara mana bulcha'aa seeneeti Yesuusiin waamee, «Mootiin Yihuudii si'ii?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Kana ka jettu ufuma irraa moo yookiin kaawwantu waan kiyya sitti hime?» jedheen. Philaaxoos deebisee, «Ani Yihuudii ree? Worri keetii fi bulchoonni gadootaa wonti natti dabarsanii si kennaniif, maal gooteeti?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Mootummaan tiyya ta biyya lafaa tanaa miti. Uduu mootummaa adunyaa tanaa ta'ee, Yihuudotatti akka hin kennamne, silaa worri na faanaa deeman naa lolan. Amma ammo mootummaan tiyya asii miti.» Philaaxoosillee eeganaa, «Ati Mootii Yihuudotaatii?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Ani mootii akka ta'e atuu jette. Ani dhugaa ragu'uuf dhaladheera, kanaaf gara adunya'aa dhufeera. Sababaa dhuga'aatiif maruu laagaa kiyya hin dhagaya» jedhe. Philaaxoos, «Dhugaan maali'i?» jedheen. Kana jedheeti deebi'ee gara Yihuudotaa bayee, «Ani yakka tokkollee isa irratti hin argine. Haata'uu ammoo Ayyaana Fasika'aatiif mootichi nama tokkicha akka isinii hiiku aadaa qabdan. Kanaafuu mootii Yihuudi'ii akka isinii hiiku feetanii?» isaaniin jedhe. Martinuu deebisanii, «Baarbaaniin malee, kanaa miti» jedha'aa iyyan. Baarbaan ammoo saamtuu ture. Hennaa san Philaaxoos Yesuusiin qabee dhaansise. Loltoonnillee Korbobboo qore'ee maranii mataa irra kaayan; uffatta diimaa itti uwwisan. Itti dhiyaatanii, Mootii Yihuudi'ii nageenni siif haata'uu jedha'aa, dhabanaasaniin. Philaaxoosillee ammoo gara diidaa bayee, «Kunoo dhara tokkollee akka isa irratti hin argine akka beettan isa ammoo gara diidaa isinii baasa» isaaniin jedhe. Yesuusillee Korbooboo qoree matatti godhatee uffata diimaa uffatee gara diidaa baye, Philaaxoosillee, «Namichi! Kunooti!» isaaniin jedhe. Bulchoonni gadootaatii fi hojjattoonni hennaa argan, «Fannisi! Fannisi! jedha'aa wocan. Philaaxoosillee, ani dhara tokkollee isa irratti waan hin argineef, isin fuudha'aatii fannisaa'a» isaaniin jedhe. Yihuudonnillee deebisanii, «Nu seera qabna; akka seera keennaatitti du'uu barbaachisa. Ilma Rabbii waan uf godheef» isaan jedhan. Kanaaf Philaaxoos waan kana haga dhagaye guddisee sodaate. Deebi'ee gara moonaa bulcha'aa seenee, «Ati eessaa dhufte?» jedheen. Yesuus ammoo waan tokkollee hin deebifneef. Philaaxoos, «Natti hin himtuu? si fannisu'uufillee si hiiku'uufillee baallii akka qabu hin beettuu?» jedheen. Yesuusillee deebisee, «Olii uduu sii kennamuu dhabaatee, silaa ana irratti baallii hin qabdu. Kanaafuu ka dabarsee sitti na kenneef cubbuun isaa ka caalu ta'a» jedheen. Asiin maayessa Philaaxoos hiiku'uunii fedhe, haata'uu ammoo Yihuudonni, «Kana yoo hiitte, ati jaalalloo Qeesaariitii miti. Ka mootii uf taasisu maruu, faalleessaa Qeesaariiti» jedha'aa wocan. Philaaxoosillee waan kana dhagayee, Yesuusiin gara diidaa gad baasee, gara hulee dhagaa baxxichaa ka afaan Ibiraayisxiitiin, «Gabataa» jedhamuutitti barcumaa murti'ii irra taa'e. Guyyaanillee guyyaa faasika'aaf qophaayan ture, gara sa'aatii jahaatitti Yihuudonnillee, «Kunooti mootiin keessan» isaaniin jedhe. Isaan ammoo, «Balleessii! Fannis!» jedha'aa wocan. Philaaxoosillee, «Mootii keessan fannisuu?» isaaniin jedhe. Bulchoonni gadootaallee, «Qeesaariin achitti mootii biraa hin qabnu!» jedhanii deebisaniif. Kanaaf hennaa san akka fannifamu dabarsee isaanitti kenne. Yesuusiinillee qabanii deemaniin, fannoollee baadhatee afaan Ibiraayisxiitiin gara gaara, «Golgootaa» jedhamu hulee «Buqqee mata'aa» jedhamuutti baye. Achitti fannisaniin isa woliin kaawwan bita'aa fi mirgaan Yesuusiin ammoo wodhakati fannisaniin. Philaaxoosillee akkasuma barreeffama barreessee fannoo irra kaaye. Barreeffamnillee, «Yesuusii Naazireetii mootii Yihuudi'ii» ka jedhu. Huleen Yesuus itti fannifame waan gara qacha'aa dhiyaatuuf, Yihuudonni hedduu barreeffama kana dubbisa'aa turan, afaan Ibiraayiisxiitiin, Roomaa'aatii fi Giriikiffaatiinillee barreeffameera. Kanaaf bulchoonni gadootaa Yihuudii Philaaxoosiin, ‹Akka inni, ani mootii Yihuudotaati› jedhe, ati, «Mootii Yihuudotaati jettee hin barreessin» jedhaniin. Philaaxoosillee, «Waan barreessu barreesseera» jedhee deebiseef. Loltoonni Yesuusiin haga fannisaniin maayessa uffata isaa hulee afuritti qoodanii qoodaman. Kittaa isaallee hin fudhatan. Kittaan gubbaa haga jalaa ka gad diratan malee ka hodhamee miti. Kanaaf, «Hixaa itti haa buufannuu malee, hin biinxinu woliin jedhan. Kunillee, uffata kiyya gargar qoodaman, kittaa kiyyallee hixaa itti buufatan» ka jedhame dubbiin kitaabaa akka raawwatamuuf worri loltootaa akkas godhan. Haata'uu ammoo fannoo Yesuusii biratti, haadha isaa, obboleettii isaa, haadha, haadha manaa Qalayoophe'ee, Maariyaamii Maqidaala'aatii fi Maariyaamillee achi dhaabatanii turan. Yesuusillee, haadha ufiitiif darasaa jaalatu isa bira ka dhaabata'aaru hennaa arge, haadha isaatiin, «Haadha tiyya, mucaan kee kunooti» isi'iin jedhe. Asiin maayii darasichaan, «Haati tee kunooti» jedheen. Achiin maayessa sa'aatii san irraa jalqabee darasichi gara mana ufii galeen. Asiin maayii Yesuus wonti maruu akka raawwatame beekee, dubbiin kitaabaa akka raawwatamuuf, «Dheebodhe» jedhe. Meeshaan daadhiin woyini'ii dhangaggooftuun keessa guute tokko achi ture; isaan keessaa tokko fiigee dhufee qaccee ule'eetitti carqii hidhee daadhii woyini'ii dhangaggooftuu keessatti cuuphee, akka afaanitti cophu dhiyeessaniif. Yesuusillee haga haadhayaa san fudhateen maayii raawwatame jedhee mata'aan gad rarra'ee lubbuu ufii dabarsee kenne. Yihuudonni guyyaan guyyaa ayyaanaaf qophaayan waan ta'eef, Sambanni sunillee guyyaa guddaa waan tureef reeffi isaa guyyaa Sambataa fannoo irra akka hin oolle luka cabsanii akka buusaniif Philaaxoosiin kadhatan. Loltoonnillee dhufanii, luka namicha Yesuusiin afo'otti isa woliin fanniffamee kaanillee cabsan. Gara Yesuusii hennaa dhufan ammoo inni sirima akka du'e arganiiti luka isaa hin cabsine. Haata'uu ammoo loltoota keessaa tokko kalee eebo'oon woraannaan yoosuu dhiinninii fi bisaan keessaa jige. Ka argellee rageera ragaanillee dhuga'a, isinillee ammoo akka amantan inni akka dhugaa dubbatu hin beeka. Kun wonti ta'eef, «Lafeen hin cabu» ka jedhu dubbiin kitaaba Rabbii akka raawwatamuuf. Akkasuma kitaabni biraallee, «Worri woraane hin arga» jedha. Asiin maayii waan Yihuudiin sodaateef dhossa'atti ka darasaa Yesuusii ture, Yooseefiin Armaatiya'aa reeffa Yesuusii fudhachu'uuf Philaaxoosiin kadhate. Philaaxoosillee hin kenneef. Kanaaf dhufeeti reeffa Yesuusii fudhate. Akkasuma Niqoodimoosiin achiin dura halkaniin gara Yesuusii dhufee, qumbi'ii fi hadhaa hargiisaan wolitti makame, haga karbee xaasaa afurtamaa gayu qabatee dhufe. Reeffa Yesuusiillee fuudhee akka seera Yihuudonni itti urgo'oon uffata woyaa qoolaatiin sattaran. Urgee inni itti fannifame sanitti biqiltu'utu jira. Hulee biqiltu'uu sanitti haga hennaa sanii womaa itti hin awwaalamne. Kanaaf huleen awwaalaa dhiyoo waan tureef haga gaafa Yihuudonni qophayaniitiif reeffa Yesuusii achi kaayan. Sambata guddaa jalqaba torbaanii Maariyaam Magidalaawit ganama obboroo gara hulee awwaalaa dhufte; dhagaanillee ka awwaala irraa gangalfameeru argite. Fiiga'aa gara darasicha Yesuus jaalatuuf gara Simoon Pheexroosii dhaxxee, «Gooftaa awwaala keessaa fudhataniiran; eessa akka kaayan hin beennu» isaaniin jette. Kanaaf Pheexroosii fi darasaan biraallee bayanii gara awwaalaa dhaqan. Isaan lamaanuu woliin fiiganii darasaan biraallee Pheexroos bira lufee daddafee afo'otti fiigee firrisee hulee awwaalaa gaye. Gadi jedhee yoo laalu uffata isaan sattaran achitti arge, haata'uu ammoo hin seenne. Simoon Pheexroosillee isa faanaa dhufee awwaala keessa seene. Uffata isaan sattaranillee achitti arge. Akkasuma uffata mataa isaa irra ture kopha'atti ka hulee tokkotti marameeru arge. Ka hennaa san firrisee gara hulee awwaalaa dhufee ture darasichi biraallee seenee, argee amane. «Ka worra du'an keessaa hin ka'a» jedhu ka haga hennaa sanii waan hin hubanneef. Darasoonni deebi'anii gara mana ufii deeman. Maariyaam ammoo booya'aa awwaalaan ala diida dhaabata'aa turte. Booya'aa awwaalatti gad jettee laalte. Maleekkaan lamaa uffata adii uffatanii hulee reeffi Yesuusii ciisee ture tokko mataa irraan kun jalaan taa'ee argite. Isaanillee, «Intala nana maaf bootta?» isi'iin jedhan. Isiinillee, «Gooftaa kiyya fudhataniiran; eessa akka kaayan hin beenne!» isaaniin jette. Kana jetteeti uf duuba midhaattee yoo laaltu Yesuusiin ka dhaabateeru argiteen. Isiin ammoo Yesuusiin akka ta'e hin beenne. Yesuusillee, «Intala nana, maaf bootta? Eennuun soxxaa?» jedheen. Isiinillee nama biqiltuu eegu seeteeti, «Gooftaa kiyya! Ati yoo fudhatee jiraatte, eessa akka keette natti himi, anillee dhaqee fudhadhaa» jetteen. Yesuusillee, «Maariyaam» jedheen, isiinilee uf duuba laaltee Ibraayisxiffaan, «Rabbunii» jetteen; hiikkaanillee, «Barsiisaa kiyya» jechu'u. Yesuusillee, amma gara Abbaa kiyyaa waan ol hin baaneef, «Na hin tuqinii! deemiitii, gara obbolleewwan kiyyaa dhaqiitii, ‹Ani gara Abbaa kiyyaa fi keessanii gara Rabbii kiyyaa fi keessanii ol baya'aara› jedhiitii isaanitti himi!» isi'iin jedhe. Maariyaam Magidalaawit gara darasootaa dhaxxee, an Gooftaa argeera jette. Waan inni isi'itti hime maraa isaanitti himte. Guyyaan sunillee torbaan keessaa guyyaa duraati, hennaa dhiye hulee darasoonni wolgayanii turanitti Yihuudota waan sodaataniif balbala cufatanii uduu jiran, Yesuus dhufee isaan jidduu dhaabatee, «Nageenni isiniif haata'u!» isaaniin jedhe. Kana jedheeti harkaa fi cinaacha ufii isaanitti mudhise, darasoonnillee haga Gooftaa argan hin gammadan. Yesuus ammallee lamata, «Nageenni isiniif haata'u. Akkuma Aabba na erge, Anillee isin erga» isaaniin jedhe. Kana jedhee hafuura isaanitti baafatee, «Ayyaana Woyyuu fudhadhaa'a! Worri isin cubbuun isaanii dhiiftaniif maruu cubbuun isaanii dhiifama. Yoo isin araaramu'uufii baattan, isaan araara hin argatan» isaaniin jedhe. Haata'uu ammoo kudha lamaan keessaa tokko, «Didimoos» namni jedhamu, Toomaas hennaa Yesuus dhufe isaan woliin hin jiru. Darasoonni kuuwwan, «Gooftaa argineerra!» jedhaniin. Inni ammoo, «Harka isaa ka mismari'iin woraanname malkata san argu malee, quba kiyyallee qaalawa san keessa kaayu malee, kalee isaa keessa cinaacha keessa yoo harka hin keenne hin amanu» isaaniin jedhe. Guyyaa sadeetaan maayii akkasuma darasoonni mana keessa turan. Toomaasillee isaan woliin jira. Uduma balballi cufameeru Yesuus dhufee isaan jidduu dhaabatee, «Nageenni isiniif haata'uu» isaaniin jedhe. Achiin maayessa Toomaasiin quba kee asi fidiitii harka kiyya laali, harka kee fidiitii kalee kiyya keessa kaayi, nama amante ta'i malee, ka hin amanne hin ta'in!» jedheen. Toomaasillee, «Gooftaa kiyya Waaqaa kiyya!» jedhee deebiseef. Yesuusillee, «Ati waan na argiteef amanteerta; worri uduu hin argine amanan isaan worra eebbifame!» jedheen. Yesuusillee kitaaba kana keessatti ka waan hin barreeffamne maalalee biraallee heddu darasoota afo'otti godhe. Haata'uu ammoo, Yesuus inni Kiristoos ilma Rabbii akka ta'e akka amantan amantaanillee maqaa isaatiin jireenna akka isinii ta'u kun barreeffameera. Asiin maayii Yesuus galaana Xibiriyaadoosii biratti darasootatti deebi'ee isaanitti mudhate. Simoon Pheexroosiif ka Didimoos jedhamu Toomaas nama Qaanaa Galiilaa Naatinaa'elii fi ijoolleen Zabdiyoosi darasoota keessaallee ka biraa namoonni lamaa isaan woliin turan. Simoon Pheexroos, «Ani Qurxummii qabu'uuf deema'aara» isaaniin jedhe. Isaan, «Nullee si woliin deemna» jedhaniin. Bayanii gara yabalaa seenan. Halkan san ammoo womaa hin qabne. Haga bari'e Yesuus galaana bira dhaabate. Darasoonni ammoo Yesuusiin ta'uu hin beenne. Yesuusillee, «Ijoollee tiyya! Waan nyaatan qabduu?» isaaniin jedhe. Isaan, «Hin qabnu» jedhanii deebisaniif. Innillee, «Siiboo keessan yabala keessan gara mirgaatiin darbaa'a hin argattanii» isaaniin jedhe. Kanaaf hin darbatan; hennaa san sababaa baay'inna Qurxummi'iitiif harkisuu dadhaban. Darasaan Yesuus jaalatu Pheexroosiin, «Goofta'aa bee!» jedhe. Kanaaf Simoon Pheexroos Gooftaa ta'uu haga dhagaye, qullaa waan tureef uffata uffatee gara galaanaa uf darbe. Darasoonni kuuwwan ammoo lafa irraa haga ciqilee dhibba lamaa caalaa guddaa waan hin fagaanneef siiboo qurxummi'iin guuttame harkisa'aa yabalaan dhufan. Haga gara lafaa bayan qurxummi'ii fi xoroshoo barbadaa irra jiru argan. Yesuusillee, «Qurxummii amma qabdan keessaa as fidaa'a» jedheen. Simoon Pheexroosillee gara yabalaa seenee qurxummii dhibbaaf shantamii sadihii gugurdaa siiboo guutee gara lafaa harkise; haga kana maraa qurxummiin guddaa ta'ullee siiboon hin biinxamne. Yesuusillee, «Koottaa hurbaata nyaadhaa'a!» isaaniin jedhe. Darasoota keessaa tokkollee, «Ati eennu?» jedhee ka isa qoruu ugge hin jiru. Waan akka inni Gooftaa ta'e beekaniif. Yesuusillee dhufee, xoroshoo fuudhee, isaaniif kenne; akkasuma qurxummiillee'e. Yesuus worra du'an jiddu'uu ka'ee hennaa sadaffa'aatiif darasootatti mudhate. Haga xoroshoo nyaataniin maayessa Yesuus Simoon Pheexroosiin, «Ilma Yoona'aa Simooni, kanniin caalaa na jaalattaa?» jedheen. «Ee, Gooftaa, akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedheen. «Ilmoolee tiyya bobbaasi» jedheen. Ammallee lammaffaa, «Ilma Yoona'aa Simoon, na jaalattaa?» jedheen. «Ee Gooftaa akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedheen. «Korbeeyyii tiyya eegi» jedheen. Sadaffa'aaf, «Ilma Yoona'aa Simoon, na jaalattaa?» jedheen. Sadaffaa na jaalattaa? jennaniin Pheexroos gaddee, «Gooftaa kiyya! Ati waa maraa beetta; akka si jaaladhullee atuu hin beetta» jedheen. Yesuusillee, «Hoolota tiyya bobbaasi» «Ani dhugama dhuga'aatiin siin jedha: hennaa nama dargaggeessa turte, mudhii kee ufumaan hidhattee hulee feete deemta. Haata'uu ammoo hennaa jaartee harka kee ol qabattee, namni biraa mudhii kee si hidhee gara ati hin barbaanne si fida» jedheen. Du'a attamiitiin Rabbiin kabajju'uuf akka ta'u mudhisu'uuf kana jedhe. Kana haga jedheen maayessa, «Na faana koottu!» jedheen. Pheexroosillee midhatee darasicha Yesuus jaalatu uduu isa faanaa deemu arge, innillee hennaa dhiyanaa gara qoma isaatitti siqee, «Gooftaa'a, ka dabarsee si kennu eennu?» ka jedhee gaafate san. Pheexroosillee kana argee, Yesuusiin, «Gooftaa'a, kunillee attamitti ta'a?» jedheen. Yesuus, «Haga ani dhufuuf akka jiraatu yoo jaaladhe hoo maaltu si dhibe? Ati na faana koottu» jedheen. Kanaaf darasichi sun hin du'u wonti jedhame uduu gara obboleewwanii gayee, haga Yesuus dhufuuf akka jiraatu yoo jaalate maaltu si dhibe?» jedheen malee, hin du'u hin jenneen. Waan kanninillee ka rageef ka barreesse darasaa kana, ragaanillee dhugaa akka ta'e hin beenna. Yesuus waan biraallee heddu hojjateera. Akkasuma uduu marti isaanii tokko tokkoon barreeffamanii jiraatanii, kitaabbillee barreeffaman saniif, ani lafti tun waan geettu natti hin fakkaatu. Akkasuma ammoo guyyaa afurtamaaf waan jeennata Rabbii isaanitti hima'aa ragaa hedduun rakkinna fanno'ootiin maayii jiraataa ta'ee isaanitti uf mudhise. Hennaa isaan woliin jiru Yeruusaalemiin keessaa akka hin baane isaan ajaje. Haata'uu ammoo, «Ka narraa dhageettan dubbii abdi'ii ka Aabbaan kenne eegaa'a» «Yohaannis waan bisaaniin cuupheef, isin ammoo guyyaa diqqo'oon maayii Ayyaana Woyyu'uun cuuphamtan» jedhe. Isaanillee hennaa wolgayan, «Gooftaa kennaa! Ji'a kanatti mootummaa Isiraa'elii hin deebiftaa?» jedhanii gaafatan. Innillee, «Ji'oota fi woggoota Aabba baallii ufiitiin murteesse beekuun isinii hin kennamne. Haata'uu ammoo Ayyaanni Woyyuun hennaa isin irratti bu'e, hunna argattan; Yerusaalemii fi Yihuudaa maraatti Samaariya'aa haga daangaa lafaa ragaa kiyya taatan» jedhe. Kana haga dubbateen maayii uduma isaan isa argan gara sami'ii ol fudhatame; duumeessillee ija isaanii afo'oo isa dhosse. Inni deemnaan gara sami'ii xiinxallanii uduu lala'aaran namoonni lamaan uffata adii uffatan ladda isaanii dhaabatan. «Namoota Galiila'aa, maaf dhaabattanii gara sami'ii laaltan? Yesuusiin isin biraa gara sami'ii baye kun akkuma hennaa deemu argitan akkasuma deebi'ee hin dhufa» isaaniin jedhe. Hennaa san gaara ejersaa ka jedhamu irraa gara Yerusaalemii deebi'an. Inni kun Yerusaalemiin irraa diqqoo fagaata. Hennaa seenan gara mana mana gubba'aa ol bayan. Pheexroos, Yohaannis, Yaaqoob, Indiriyaas, Filiphoos, Tomaas, Bertelomeewoos, Maatewoos, ilmi Ilfiyoosii Yaaqoob, ka hinaafaa jedhamu Simoonii fi Yihuudaa ilma Yaaqoobii fa'a. Kunniin maruu dubartootaa fi haadha Yesuusii Maariyaamii fi obboleeyyan woliin yaada tokko ta'anii faateffachu'uun jabaatan. Ji'a sanniin keessa Pheexroosii fi namoota dhibbaa fi diddamaa obboleeyyan isa woliin jiran wodhakkaa dhaabateeti akkana jedhe. «Obboleeyyan tiyya! Worra Yesuusiin qabaniif bulchaa ta'ee Ayyaana woyyu'uun afaan Daawitiitiin dura wonti dubbatame sun haa raawwatamuu. Nu keessatti laakkawamee waan tureef, tajaajila kanaaf hiree argate. Namichi kun gatii hujii hammeennaan hojjatee argateen lafa bite, kalachaanillee kufee wodhakka'atti baqaqee, madhumaan garaa isaa martinuu hin jige. Wonti kun worra Yerusaaleemiin jiraatan maraa biratti hin beekame. Kanaafuu lafti sun afaan isaaniitiin «Akeldaamaa» jedhamee waamame. Hiikkaan isaallee «Lafa dhiigaa» jechu'u. Kitaaba faarfanna'aa keessatti, ‹Jireenni isaa lafa gammoojji'ii haa ta'u; womaa keessa hin jiraatin›; akkasuma ammoo, ‹Baallii isaallee ka biraa haa fudhatuu› jedhamee waan barraayeeruuf. Iyoosxos barsiyaa Yooseef jedhamuu fi Maatiyaasiin lamaanuu dhaabsisanii, Hennaa faateffatan, «Gooftaa'a, ati ka garaa nama maraa beettu hulee Yihuudaan dhiisee gara fedha ufii deeme saniif hujii ergamu'uu kana akka huju, namoota lamaan filatte kanniin keessaa tokko muudi» jedhan. Hixaa isaanii buusanii, hixaanillee Maatiyaasiin gayee, ergamtoota kudha tokkoon wolitti laakkayame. Guyyaan Ayyaana shantamaffa'aa «Pheenxeqosxee» jedhamu hennaa gaye, maruu yaada tokko ta'anii uduu woliin jiran. Dimmaa akka bubbee lafaa ol nama butuutitti samii irraa laagaan dhufee mana keessa taa'anii jiran san maraa guute. Wonti akka arraba ibiddaa fakkaatu isaanitti mudhate. Achiin maayessa gargar ciccitee isaan maraa irra taa'e. Isaan maruu Ayyaana Woyyu'uun guuttamanii akka Ayyaanni isaanii kennetti afaan garagaraa dubbachuu jalqaban. Banii ardii irra jiraatan maraa keessaa Yihuudonni faate'een jabaatan Yerusaalemiin keessa jiraata'aa turan. Hennaa laagaan kun ta'e baniin maruu wolitti qabamee hennaa isaan afaan ufiitiin dubbatan waan dhagaya'aa turaniif waan jedhan dhabanii baaseffatanii maalalanii akkana jedhan, «Kunniin worri akkana dubbatu maruu namoota Galiila'aatii mii? Nu marti keennaa afaan keenna ka ittiin dhalanne attamitti dhagena? Nu namoonni Phaarte'ee, Meedii ka Ilamexxemiillee worra laga lamaan jiddu'uu ka Qephidooqiya'aa, ka Phaanxoosii, Esiyaa, Firgiyaa, Phinfiliyaa fi Misirattillee gara Qereena'aatiin jiran nu worra aanaa Libiya'aa jiraannu worri Roomaa keessa teennu Yihuudonni worri amantaa Yihuudotaa fudhanne. Namoonni Qerxeesiitii fi Arabaa hujii Rabbii hennaa afaan keennaan dubbatan isaan dhageenne» Maruu maalalfatanii, mama'aati, «Kun maal ta'inna?» hin beennu woliin jedhan. Kuuwwan ammo isaanitti balda'aatti, «Daadhii dhuganii quufaniitti!» jedhan. Haata'uu ammoo Pheexroos jara kudha tokkoo keessaa tokko woliin dhaabatee laagaa ol qabatee akkana jedhee dubbate. Yihuudonniniif isin worri Yerusaalemiin keessa jiraattan martinuu kun isin biratti ka beekkame haata'uu dubbii kiyyallee dhagayaa'a. Akkuma isinitti fakkaate kunniin worra machaayee miti, ganama keessaa sa'aatiin sadi waan ta'eef. Haata'uu ammoo kun raaga Iyyu'eeliitiin, ‹Guyyaa dhumaatitti ani akkana godha jedhe Rabbi: nama foon uffate maraa irratti Ayyaana kiyya hin buusa. Ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa raaga dubbatan; dargaggoonni teessan manaaba argan, manguuddoonni teessanillee eebjuu eebjootan. Akkasuma ammo ji'oota sanitti garboota tiyya ta dhiiraatii fi ta dubartootaa irratti, Ayyaana kiyya hin buusa; isaanillee raaga dubbatan. Ol samii gubba'atti baasa, ardii irratti malkata godha. Dhiigaa fi ibiddi, hurriin aaraallee hin ta'a. Guyyaan guddaanii fi ulfaataan Goofta'aa uduu hin dhufneen dura, aduun gara dukkanaa; jiini gara dhiigaa hin jijjiirama. Ka maqaa Goofta'aa waamu maruu hin fayya.› «Namoota Israa'elii dubbii kana dhagayaa'a! akkuma isinuu beettan Rabbi karaa Yesuusii Naazireeti'iitiin isin jiddu'utti baasaa fi maalale'een nama malkataan Rabbiin biraa isinitti mudhate. Nama kana Rabbi akkuma duri murteessee fi akkuma duraan dursee yaadeef beekkomsa isaa ka durii irraan harka worra hammeeyyi'iitiin fanniiftanii ajjeeftan. Rabbi ammoo hunna du'aa balleessee isa kaase; duuti isa qabuu waan hin dandeenneef. Daawiti waan isaa akkana waan jedhuuf ‹Gooftaa hennaa maraa afoo kiyyatti arga, akka ani hin raafamne mirga kiyya jira. Kanaafuu garaan kiyya na gammade afaan kiyyallee gammachu'uun guuttame, Akkasuma foon kiyyallee abdi'iin jiraata. Lubbuu tiyya asaaba keessatti woyyuu keellee akka shamuuf hin dhiiftu. Karaa jireennaa na beessiftee, afoo keetitti gammachu'uun na guutta. «Obboleeyyan tiyya, waan bulchaa sooressa abbooti'ii waan Daawitii du'ee akka awwaalame addaataa akka dubbadhu na hoffolchaa awwaalli isaallee haga adhaa nu bira jira. Raaga waan ta'eef teessoo irra akka kaayu Rabbi kakuu akka kakateef waan beekeef. Waan du'aa ka'iiti Kiristoosii dursee argee, lubbuun isaa, hulee badi'iititti akka hin haafne; foon isaallee akka hin shamne› hime. Yesuusii kana Rabbi du'aa kaaseen; waan kanaaf nu maruu raga'a. Kanaafuu mirga Rabbiititti ol fudhatameeti dubbii abdii Ayyaana Woyyu'uu Aabbaan irraa fudhatee ka amma isin argitanii fi dhageettan kana gad dhangalaase. Daawiti waan gara sami'ii ol hin baaneef; Haata'uu ammoo inninuu, ‹Gooftaan Gooftaa kiyyaan, diintota kee ejjata luka keetii haga sii godhutti mirga kiyya taa'i› jedheen. «Eeganaa ka isin fanniftan kana Yesuusiin Rabbi Goofta'aa fi Kiristoosiin akkuma taasise worri gosa Isiraa'elii maruu dhugamaan haa beekuu!» jedhe. Hennaa kana dhagayan garaan isaanii tuqamee Pheexroosii fi ergamoota kaawwaniinillee, «Obboleeyyan tiyya! maal haa goonuu?» isaaniin jedhan. Pheexroosillee akkana jedhe, «Agii galaa'a; cubbuunillee akka isiniif dhiifamtu, marti keessanuu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa'a. Kennaa Ayyaana Woyyu'uullee hin fudhattanii. Dubbii abdi'iillee isiniif ijoollee teessaniif worra Waandhi Gooftaan keenna gara ufii waamuuf, worra fagoo jiran maraafuu waan ta'eef» isaaniin jedhe. Jecha biraa heddu ragee, «Dhaloota dabaa kana jalaa uf oolchaa'a» jedhee isaan gorse. Worri dubbii fudhatan cuuphaman; guyyaa san namoonni kuma sadihii isaanitti eda'aman. Barumsa ergamtootaatiin, Xoroshoo woliin nyaata'aa faateffachu'uunillee jabaatan. Harka ergamootaatitti baasaa fi maalaleen hedduu waan ta'eef, namni maruu guddisee sodaate. Worri amanan maruu woliin jiraatan; waan qaban maraa hulee tokkotti wolitti qabatan. Lafaa fi qabeenna gurguran kamuu akkuma isaan barbaachisutti maraafuu qooda'aa turan. Gaafuu garaa tokko ta'anii mana sagadaatitti jabaatanii mana isaaniitittillee xoroshoo woliin nyaata'aa gammachu'uu fi garaa qulqullu'uun hurbaata ufii nyaatan. Rabbiinillee hin galatoonfatan; banii maraa afo'otti gaachena qaban ture. Gooftaanillee worra fayyan guyyama guyya'aan isaan irratti eda'a'aa ture. Pheexroosii fi Yohaannisillee hennaa faate'ee sa'aatii sagalitti gara mana woyyu'uu dhaqan. Worra mana woyyuu seenan irraa waa kadhatu'uuf, nama namoonni baadhatanii gara balbala mana woyyuu ka maqaan isaa «Midhaagaa» jedhamuu fidanii guyya guyya'aan achi kaayan tokkotu ture. Innillee urga dhalate irraa jalqabee nafti isaa naafa. Innillee Pheexroosii fi Yohaannisiin akka waa kennaniifiif gara mana woyyuu uduu seena'aaran argee, akka waa isaa kennaniif isaan kadhate. Isaanillee ija isaa keessa guuttatanii laalanii, Pheexroos, «Gara keenna laali!» jedheen. Innillee waa isaan irraa fudhatu'uuf jedhee gara isaanii laale. Pheexroos ammoo, «Birri'ii fi Worqii hin qabu; waan qabu ammoo sii kenna, maqaa Kiristoos Yesuusii Naazireetitiin ka'ii deddeebi'i» jedheen. Harka mirgaatiin qabee ol kaaseen hennama san luttinii fi mogoleen hin jabaate. Innillee yoosuu ol utaalee dhaabatee deddeemuu jalqabe, Deddeema'aa utala'aa Rabbii bara baraa galatoonfata'aa isaan woliin gara mana woyyu'uu seene. Baniin maruu Rabbiin galateeffata'aa hennaa inni deddeemu arganiin. Hulee, «Michuu» jedhamtutti balbala mana woyyu'uu taa'ee kadhata'aa ka ture isa akka ta'e beekanii, isa irratti waan ta'e arganii maalala'aa baaseffatan. Uduu inni Pheexroosii fi Yohaannisiin qabateeru, baniin maruu maalalfata'aa, «Hulee balbala Salamoon keessa deddeebi'u» jedhamtutti ka gara isaanii figan argee, Pheexroos akkana jedhee bani'ii deebise, «Isin namoota Israa'elii! Waan kana maali'iif maalalfattan? Yookiin waan hunna mataa keennaatiin yookiin Rabbiin sodaachuu keennaan akka waan inni ka'ee deemuu akka waan nu goonee maali'iif xiinxallitanii ija keessa laaltan?» Waandhi Abrahaamii, Yisihaaqii, Yaaqoobiitii fi Waandhi abbootii keennaa ka isin dabarsitanii kennitanii fi ka Philaaxoos uduu hiiku'uuf kutateeru ka isin gantan san Ilma ufii Yesuusiin kabajjeera. Isin ammoo woyyuu qajeelaa gantanii, ka nama ajjeese akka gad isinii dhiisu kadhattan. Ka mataa jireennaa ta'e hin ajjeeftan, isa ammoo Rabbi du'aa kaase. Nu waan dubbii kanaatiif raga'a. Maqaa isaatitti amanu'uun ka argitanii fi ka beettan maqaa isaa jabeessee dhaabe. Amantaa isatti amanu'uu kanatu afoo keessan maratti fayyaa guutuu kana isaa kenne. «Amallee obboleeyyan tiyya! Isin akkasuma akka bulchoota keessanii wol laalaan akka gootan beekeera. Rabbi ammoo akka Kiristoosiin irra rakkinni gayu afaan raattota maraatiin dursee waan dubbate akkasuma raawwate. Rabbillee duri irraa jalqabee afaan raattota woyyu'uutiin waan dubbate maraa haga bara wonti maruu haarawoomuutitti ol samii irra turuu barbaachisa. Muuseenillee, ‹Akka Waandhi Gooftaan abbootaaf na kaase raaga obboleeyyan keessan keessaa isinii kenna. Waan inni isinitti himu maraa dhagayaa'a. Namni raaga san hin dhageenne martuu banii keessaa fooyamee bada› jedhe. Lammaffaallee Saamu'eeliin irraa jalqabee isaaniin maayiillee akkasuma raattonii maruu waan ji'oota kanaa dubbatan. Isin ammoo ijoollee raattotaatii fi Ilmaan kaku'uu ka Rabbi abbootii keessan woliin seene, Abrahaamiin sabni lafa irraa cufti, ‹Karaa fiixaa keetiitiin eebbifama› jedhe sanii ti. Isiniif dursee Rabbi ilma ufii kaaseera. Gari garii keessan karaa hamaa irraa deebisee akka isin eebbisu erge.» Haata'uu ammoo worra dubbii dhagayan keessaa heddutu amane. Laakkofsi dhiiraallee haga kuma shanii ta'e. Isaanillee Pheexroosii fi Yohaannisiin banii wodhakaa dhaabsisanii, «hunna kamiin yookan maqaa eennuutiin isin waan kana gootan?» jedhaanii isaan gaafatan. Hennaa san Pheexroos Ayyaana Woyyu'uun guuttamee akkana isaaniin jedhe, «Isin bulchoonni biyyaatii fi manguddoonni, Nu ammoo nama naafa kanaaf wonti mishaan godhame maali'iin akka fayye yoo qorre, Ka isin fanniftaniin ka Rabbillee worra du'an keessaa kaase, maqaa Yesuus Kiristoosii Naazireetitiin namichi kun fayyaa ta'ee afoo keessan akka dhaabate isiniif banii Isiraa'elii maraa afo'otti ka beekkame haa ta'u. Inni kun dhagaa isin worri mana dhaga'aa ijaartan tuffattan, dhagaa mataa utubaa manaa qajeelchu ta'e. Fayyinni karaa biraa karaa eennuutiinillee hin jiru, maqaan akka nu ittiin fayyinuuf kenname ka namoota fayyisu samii gaditti Yesuusiin malee, ka biraa hin jiru.» Pheexroosii fi Yohaannis addaataa akka dubbatan haga argan, namoota Kitaaba hin beenneef hin baranne ta'uu isaanii hubatanii Yesuusiin woliin akka turan beekanii maalalfatan. Namicha fayyeellee isaan woliin akka dhaabateruu haga argan; waan isaaniin jedhan dhaban. Gumii keessaa gara diidaa akka bayan isaan ajajaniiti, «Namoota kanniin maal haa goonuu? Maalaleen beekkama ta'e harka isaaniititti akka godhame Yeruusaalemiin keessa worra jiraatan marattuu mudhateera, dhossuu hin dandeennu. Haata'uu ammoo banii keessatti guddisee akka hin babadhanne ammaa achi eennullee maqaa kanaan akka hin dubbanne isaanitti baanata'aa isaan haa seerruu jedhanii woliin mari'atan.» Isaan waamanii maqaa Yesuusiitiin horoma akka hin dubbanneef akka hin barsiifne isaan seeran. Pheexroosii fi Yohaannis ammoo deebisanii, «Rabbiin dhagayuu caalaa isin dhagayuun barbaachisaa akka ta'e isinumti murteesaa'a. Nu waan arginee fi ka dhageenne himuu dhiisuu hin dandeennu» isaaniin jedhan. Isaanillee attamitti akka isaan adaban sababaa waan isaan irraa dhabaniif ammallee baanata'aa banii sodaatanii isaan hiikan. Namoonni maruu waan ta'e saniif Rabbiin kabajja'aa waan turaniif. Namni maalaleen fayyinnaa ta'eef kun nama woggaa afurtamaa oliiti. Hiikkamanii gara worra isaanii dhaqaniiti waan bulchoonni gadootaatii fi manguddoonni isaaniin jedhan maraa isaaniti himan. Isaanillee hennaa waan kana dhagayan, garaa tokko ta'anii laagaa ol qabatanii Rabbiin akkana jedhan, «Gooftaa keenna!, Ati ka ardii, samii, galaanaa fi waan isaan keessa jiraatan maraa uumte. Ayyaana Woyyu'uun Ilma keetiin abbaa keenna afaan Daawitiitiin, ‹Worri Yihuudi hin taane maaf guuguman? Baniinillee waan duwwaa maaf yaadan? Ati Waaqa mootonni adunya'aa, bulchoonnillee Goofta'aa fi ka dibame Kiristoosiin irratti wolta'anii ka'an› jettee dubbatte. Ilma kee woyyuu dibame Yesuusiin irratti Heroodisii fi Pheenxeenichi Philaaxoos banii Yihuudota hin taanee fi Isiraa'eliin woliin, Harki keetiif yannii kee banii Isiraa'elii woliin akka ta'u akkuma duraan dursaanii murteessan maraa raawwachu'uuf qachaa kanatti wol gayan. Ammallee Gooftaa keenna! Gara baanuu isaanii laali! Fayyisu'uuf harka kee yoo diriirsite hennaa maqaa Ilma kee woyyicha Yesuusiitiin maalaleenii fi baafni ta'u hojjattoonni tee akka karaa ifa ta'een dubbii kee guutuu akka dubbatan isaanii kenni. Haga faateeffataniin maayii huleen isaan itti wolgayanii turan sun hin socho'e. Isaan marattuu Ayyaana Woyyuu guute, dubbii Rabbiillee addaataa dubbatan. Worri amanan garaa tokko fi yaada tokko qaban. Wonti isaan qaban martinuu ka woliiti malee, ka qaban keessaa eennullee kiyya jedhee hin dubbane. Eergamtoonillee du'aa ka'iitii Goofta Yesuus Kiristoosii hunna gudda'aan ragaa bayan. Maraa irra badhaadha gudda'atu jira. Isaan jidduu rakkataan tokkollee hin jiru lafa yookiin mana qaban maraa gurgura'aa gatii itti gurgurame fida'aa, luka ergamtootaa jala kaayan. Maraayyuu akkuma isaan barbaadanitti qoodan. Yooseef nama biyya Qophiroosii ka dhalootaan gosa Leewwi'ii ka ergamoonni, «Barnaabaas» jedhaniin tokkotu ture. Barnaabaas jechuun, «Ilma booharti'ii» jechu'u; innillee qonna qabu gurguree, birriillee fidee luka ergamtootaa bira kaaye. Namichi Hannaaniyaa jedhamu haadha manaa Saphiiraa jedhamtu woliin lafa gurgure. Innillee woma haati manaa isaa beettutti gurguree waan itti gurgure san keessaa hanbifateeti wodhakkaa fidee worra ergamootaatitti kenne. Pheexroosillee, «Hannaaniyaa kiyya! Ayyaana Woyyuu sobdee waan lafa itti gurgurte keessaa akka hambifatu seexanni maaf garaa kee keessa guute? Uduu hin gurgurreen dura keetii mii? Haga gurgurameen maayiillee keetumaa mii? Waan kana maaf garaa kee keessatti yaadde? Rabbiin sobde malee, namaa miti» jedheen. Hannaaniyaanillee akkuma dubbii kana dhagayeen kufee du'e. Worri waan kana dhagayan maruu guddisanii sodaatan. Dargagoonni ka'anii reeffa isaa kafananii baasanii awwaalan. Sa'aatii sadihiin maayii haati manaa isaa waan ta'e uduu hin dhageenne seente. Pheexroosillee deebi'ee, «Lafa teessan haganatti gurgurtanii, Mee natti himi?» isi'iin jedhe. Isiinillee, «Ee, haganumatti gurgurre» jetteen. Pheexroosillee, «Ayyaana Goofta'aa sobu'uuf maaf wolii galtan? worri abbaa manaa kee awwaale kunoo balbala jiran; sillee baatanii baasan» isi'iin jedhe. Isiinillee yomasan luka isaa jalatti kuftee duute; dargaggoonni hennaa seenan ka duuteertu arganii reeffa isi'ii baasanii awwaala abbaa manaa laddatti awwaalan. Woldaa Kiristaanaa maraa fi worri waan kana dhagayan maruu guddisanii sodaatan. Harka ergamtootaatti malkanni hedduu fi maalaleen banii jiddu'utti ta'e. Maruu yaada tokko ta'anii bakka mana utubaa wogga'aan qabamee ka balbala Salamooniititti wolgayan. Kaawwan keessaa tokkollee ka isaan gargaaruu uggee hin jiru. Baniin ammoo ulfinna isaanii kenna'aa turan. Worri Goofta'atti amanan ka duraanii caalaa eda'aman. Dhiirtinii fi dubartoonillee heddu. Kanaafuu hennaa Pheexroos worra dhibaman bira lufu akka gaaddidduun isaa isaan fayyisu namoota wosaasa'aa fi ittillee irra raasaa ciibsa'aa turan. Akkasuma ammoo qachaa naannoo Yeruusaalemii jirtu maraa keessaa dhibamtotaa fi worra ayyaana batti'iin rakkatan fida'aati namoonni hedduu wol gaya'aa turan; worri achi dhaqanillee hin fayyan. Bulchoonni gadootaa ammoo gara worra Saduqoota ta'anii worri isa woliin jiran maruu ka'anii hinaafanii isaan irratti ka'an. Ergamoota maraa qabanii hidhan. Maleekkaan Goofta'aa ammoo halkanniin mana hidha'aa keessaa banee isaan baaseeti, «Deema'aa dhaabadha'aatii dubbii jireennaa kana maraa mana woyyuu Rabbii keessatti bani'itti himaa'a» isaaniin jedhe. Hennaa kana dhagayan ganamaan ka'anii mana woyyuu seenanii barsiisan. Gadootaa fi worri isaan woliin turan ammoo dhufanii, yaa'ii murtii ijoollee Israa'elootaa fi manguddoota maraa wolitti waamanii akka gara mana hidha'aa isaan fidan ergan. Ajajaan mana woyyu'uutii fi bulchoonni gadootaallee waan kana haga dhagayan hin beenu wonti kun maal ta'inna laata? jedhanii waan isaanii maman. Namichi tokko dhufee kunoo, «Namooni hiitan sun dhaabatanii mana woyyuu keessatti, banii barsiisa'aa jiran!» jedha'aa isaaniti hime. Hennaa san ajajaan hojjattootaa isaan woliin deemee isaan fide. Haata'uu ammoo baniin waan isaan tumuuf sodaatanii hunnaan isaan hin finne. Akka bulchaan gadootaa isaan qoruuf fidanii, yaa'ii murti'ii afoo isaan dhaaban. «Maqaa kanaan akka hin barsiifne, jabeessinee isin hin seerree? Yerusaaleemiin kunoo barumsa keessaniin guuttaniirtu; dhiiga nama sanii nurratti fidu'uuf yaaddan!» jedhanii isaan gaafatan. Pheexroosii fi ergamtoonillee deebisanii akkana isaaniin jedhan, «Nama caalaa Rabbii ajajamu'utu nu barbaachisa. Yesuusii isin muka irratti fanniftanii ajjeeftan Waandhi abbootii teennaa worra du'an keessaa kaaseen. Rabbi wonti kana godheef Israa'eliif dhiifamsa cubbu'uu isaanii kennu'uuf dabarsee akka kennamu isa qorsaa fi mataa godhee mirga ufiititti kabajjeen. Nullee waan kanaaf raga'a. Akkasuma Ayyaanni Rabbii woyyuun Rabbi worra isaaf ajajamanii kennellee raga'a.» Isaanillee hennaa waan kana dhagayan guddisanii aaranii isaan ajjeesu'uuf yaadan. Haata'uu ammoo barsiisaan seeraa ka banii biratti kabajjama'aa ka maqaan isaa Gamaaliyaal jedhamu Fariisichi tokko yaa'ii murti'ii keessaa ol ka'ee ergamtoota diqqoo akka achi siissan ajajee, Bani'iin akkana jedhe, «Namoota Israa'elii! waan namoota kanniin irratti godhu'uuf taatan irratti uf eeggadhaa'a. Ji'oota kanniiniin dura Tewoodas ani hangafa jedhee ka'ee ture, namoonni haga dhibba afurii isaan woliin galan. Inni hin bade. Worri isa dhagayanillee gar gar faca'an; woyittuu hin buune. Achiin maayessa bara namoota laakkayan keessaa, Yihuudaan Galiila'aallee ka'ee namoota hedduu ufitti kutatee shifte. Innillee hin bade. Worri isa woliin jirullee maruu hin bittinnaayan. Ammallee akkana isiniin jedha, namoota kanniin dhiisaa, yaanni kun yookiin hujiin kun ka namaa yoo ta'e hin bada. Rabbiin biraa yoo ta'e ammoo baleessuu hin dandeettan jedheen. Maal laataa dhugamaan akka Rabbiin wol lola'aa hin jiraanne» Isaan gorsa isaa dhagayanii ergamootallee ufitti waamanii isaan tuman, maqaa Yesuusiitiinillee akka hin dubbanne seeranii gad isaan dhiisan. Isaanillee maqaa isaatiif tuffatamuun akka waan misha'aatitti fudhatanii yaa'ii murti'ii afo'oo gammada'aa yaa'an. Guyyaa maraa mana woyyu'uutii fi mana ufiitittillee waan Yesuusii akka inni Kiristoosiin ta'e barsiisu'uu fi lallabuu hin dhiifne. Bara san keessa darasoonni eda'a'aa deeman, Yihuudonni biyya Giriikiitii dhufan, Yihuudota Yihuudaa keessa jiraatanitti guuguman. Tajaajila guyya guyya'aan hojjattama'aa ture keessatti haadha hiyyeeyyii isaanii waan dagataniif. Darasoonni kudha lamaanuu amantoota maraa waamanii akkana isaaniin jedhan; «Dubbii Rabbii dhiifnee tajaajila dhiyanaa kennuun waan hin taane. Obboleeyyan tiyya! Worra ragaa mishaa qaban, Ayyaana Woyyu'uu fi ogumma'aan guuttaman, namoota torbaa uf keessaa filaa'a. Waan kanaaf isaan muunnaa. Nu ammoo Rabbiin faate'ee fi dubbii isaa barsiisu'uun jabaannaa» jedhan. Dubbiin kun banii maraa hin gammachiise. Nama amanti'ii fi Ayyaana Woyyu'uun guuttame Isxifaanoos, Filiphoosiin, Phiroqorosiin, Niqaaroniin, Ximonanii, Pherime'ee fi ka gara Yihuudumma'aa galee ture Anxookiyootaa fi Niqolaawonosiin filatan. Afoo ergamtootaa isaan dhaabsisaniiti harka isaan irra kaayanii faateffatan. Dubbiin Rabbii babadhata'aa deemee, Yerusaalemitti laakkoofsi darasootaa guddisee baayi'ata'aa deeme. Gadoota keessaa namoonni hedduun worra amanta'aaf ajajaman ta'an. Isxifaanoos hunna Rabbiitii fi badhaadhummaa Rabbiitiin guuttamee, banii wodhakka'aatti maalale'ee fi malkata guddaa godhe. «Mana sagada Yihuudotaa ta bilisa baaftuu» jedhamtu namoota Qaareena'aatii fi Iskinidiriya'aa, worri kiliqiya'aatii fi Isiyaa keessaa dhufan gariin ka'anii Isxifaanosiin morman. Ogumma'aa fi Ayyaana inni dubbatuun mormuu hin dandeenne. Hennaa inni, «Muuse'ee fi Rabbiin arrabsu dhageenneera» namoota jedhan isa irratti kakkaasan. Banii, manguddootaa fi barsiisota Seera Muuse'ee aarsaniiti itti dhiyaatanii isa qabanii gara gumi'ii fidanii, «Namni kun bakka qulqulluu kanaaf seerallee arrabsuu dhiisuu dide. ‹Yesuusiin Naazireetii hulee kana diigee, Seera Muuseen nuu dabarsellee hin jijjirra› hennaa inni jedhu dhageenneerra, worra jedhan ragaa sobaa dhiyeessan» Worri yaa'ii murti'ii taa'aniiran maruu xiinxallanii hennaa laalan fuulli isaa akka fuula Maleekka'aa ta'ee argan. Bulchaan gadootaallee, «Dubbiin kun akkanaa?» jedheen. Innillee akkana jedhe, «Obboleeyyanii fi abboota tiyya, dhagayaa'a! Waaqa ulfinnaa, Abbaa keenna Abrahaamiin uduu inni biyya Kaaraanii hin dhaqin lafa laga lamaan jiddu'utti itti mudhatee, ‹Biyya keetii fi Firoota kee keessaa bayiitii gara biyya ani sitti mudhisuu koottu› jedheen. Hennaa san biyya Kaladaawootaatii bayee Kaaraaniin taa'e. Achiillee haga abbaan isaa du'een maayii gara biyya adha isin keessa jiraata'aartan kanatti isa baase. Achitti lafa haga taakkuu takkattii taatuu hin kennineef. Haata'uu ammoo uduu inni ilma hin arganne isaaf worra isaan maayessaallee fiixaa isaatii akka ristii kennuuf waadaa galeef. Rabbillee, ‹Fiixaan isaa biyya biraatitti galtoota akka ta'aniif woggaa dhibba afuriif garboota akka isaan godhaniif akka isaan rakkisan dubbate. Akkasuma Rabbillee akka garbootaatitti banii isaan bulchan irratti ani isaaniitti murteessa. Achiin maayii hin bayan. Bakka kanatti na kaddaaman› jedhe. Waadaa sirna gadoomaallee hin keenneef. Akkasuma Yisaaqiin uumatee guyyaa saddeetaffa'aatitti gadoomse. Yisaaqi Yaaqoobiin, Yaaqoobillee abboota gosa kudha lamaa uumate. «Obboleeyyan Yooseefii isatti hinaaftee garbicha akka ta'uuf biyya Misiriititti gurguratteen. Rabbi ammoo isa woliin ture. Rakkinna maraa keessaa isa baaseenii mootii Misirii afoo Fari'ooniititti gaacheenaa fi ogummaa kenneef, Misirii fi mana isaa maraa irrattillee ajaja'aa fi bulchaa jaalatame godhee isa muude. Biyya Misiriitii fi Kana'aaniin maratuu beelaa fi rakkoo gudda'atu dhufe abbootiin teennallee waan nyaatan dhaban. Yaaqoobi midhaan biyya Misirii jiraachuu haga dhagaye; dura abbootii teenna erge. Hennaa isaan deebi'anii gara Misirii dhaqan; Yooseef eennummaa ufii obboleeyyan ufiititti hime. Fiixaan Yooseefillee Fari'ooniin biratti beekkame. Yooseefillee abbaa ufii Yaaqoobii fi maatii ufii namoota torbaatamii shanii firoota isaa maraa ergee waamsise. Yaaqoobillee gara biyya Misirii bu'e, inniniif ilmaan isaallee achitti du'an. Lafeen isaaniillee gara lafa Seekeem jedhamuu geeffamtee hulee lafa awwaala Abrahaam birrii ufiitiin abbaa Seekeemii ijoollee Eemoorii irraa bitetti isaan awwaalan. Innillee worra keenna miidha'aati da'imman jireennaan akka hin jiraanne gara diidaa akka gatan godhee abbootii teenna rakkise. Hennaa san Muuseen dhalate. Innillee Rabbiin afo'otti bareedaa ture. Mana abba'aa keessallee ji'a sadihii jiraate. Inni hennaa alatti gatame san mucattiin Fari'oonii kaafteenii akka ilma isi'ii ta'uuf guddifte. Muuseen ogummaa Misirii maraa baratee dubbiia fi huji'iinillee jabaate. Haata'uu ammoo woggaa afurtamaa hennaa guutu obboleeyyan ufii ijoollee Isira'elootaa tooyatu'uuf garaa ufii keessatti yaade. Uduu namni Misirii tokko nama Isiraa'elii tokko miidhu argee, gargaareenii namicha Misirii dhayee ajjeesse. Obboleeyyan isaallee Rabbi karaa isaatiin wolaba akka isaan baasu waan hubatan isatti fakkaate. Isaan ammoo hin hubanne. Bariisaa uduu isaan wol lolan argee, Araarsu'uuf barbaadee jarana isin obboleeyyan maaf wol miitan? isaaniin jedhe. Ka hiriyyaa ufii miidha'aaru ammoo bulcha'aa fi murteessaa akka taatu nurratti eentu si muude? Mo'o akkuma kaleessa namicha Misirii dhooftee ajjeefte nallee ajjeesuu kajeeltee? jedhee darbeen. Muuseenillee sababa dubbii kanaatiif dheesee biyya Midiyaamiititti galtuu ta'ee jiraate. Achiti ijoollee lamaa uumate. Woggaa afurtamaan maayii Maleekkaan Goofta'aa gaara Siina'aa ka lafa udume'ee biratti saatoo gubatu keessaan arraba ibiddaatiin itti mudhate. Gooftaanillee, ‹Bakki dhaabatteertu bakka qulqulloofte waan taateef kophee luka keetii baafadhu. Rakkinna banii kiyyaa ka Misiriin keessa jiran maraa argeera; iyyansa isaanii dhagayu'uuf bu'eera; ammallee koottu gara Misirii si ergaa› jedheen. Bulcha'aa fi abbaa murte'ee akka taatu eentu si muudee? jedhanii Muusema ganan kana Rabbi karaa maleekka'aatiin saatoo keessatti itti mudhatee, muudama'aa fi furaa taasisee isa erge. Namni kun biyya Misiriititti galaana diimaa lafa gammoojji'iititti woggaa afurtamaa maalale'ee fi malkata godha'aa isaan baase. Namni kun ijoollee Isiraa'eliitiif, ‹Rabbi obboleeyyan keessaa, raaga akka kiyyaa isinii kenna› isa dhagayaa'a jedhee namni isaanitti dubbate Muusema kana. Namni kun ka gaara Siina'aatitti Maleekkaan itti dubbate saniif ka abboota keenna woliin lafa gammoojji'ii keessa ture. Dubbii jireenna qabu kana nuu kennu'uuf Rabbiin irraa fudhate. Abbootiin keenna isaa ajajamuu didan. Haata'uu ammoo uf irraa isa dhiiban. Yaada ufiitiin gara biyya Misirii deebi'an. Isaan Aarooniin, ‹Muuseen biyya Misirii keessaa nu baase waan ta'e wollaallee, ka'ii waaqota nu afoo deeman nuu huji› jedhaniin. Hennaa san keessa waaqa tolfamaa ka waatii irraa tolfame fakkeessanii hojjatanii, waaqa tolfamaa sanii ciincaa dhiyeessanii, hujii harka ufiititti gammadan. Rabbi ammoo isaan irraa garagalee urjoota sami'iitiif akka sagadan dabarsee isaan kenne. Kunillee akkuma Kitaaba raattotaa keessatti barreefame, isin banii Isiraa'elii woggaa afurtamaa gammoojjii keessatti horii qalmaatii fi ciincaa naa dhiyeesitanii? Fakii itti sagadu'uuf hojjatan, dukaanaa «Molookii» tii fi fakii urjii waaqa keessanii ka «Reemifuum» jedhamu harka keessaniin hojjattanii kaddaamtaniirtan. Kanaaf Anillee gara biyya baabilooniin gamaa isin dabarsa jedhamee barreeffameera. «Akkuma fakii argitee san Abbootiin teenna gammoojjii keessatti dukkaana ragaa bayu'uu qaban. Dukkaanaan sunillee akka Rabbi Muuse'eetti mudhisetti ta hojjatamte. Abbootiin teennallee akkasuma abbootii ufii irraa fudhatanii, biyya banii Rabbi isaan afoo ari'ee baase sanitti Iyyaasuu woliin galchan. Dukkaanaan sunillee haga bara Daawitii jiraatte. Innillee Rabbiin afo'otti gacheena argatee Waaqa Yaaqoobiitii mana ijaaru'uuf Waaqa kadhate. Haata'uu ammoo Salamoontu Rabbii mana ijaare. «Isin worra mataa jabeeyyi'iitii fi worra onneen teessan duude fi worra gurri keessan hin dhageenne, isin akkuma abboota keessanii hennaa maraa Ayyaana Woyyuu mormitan. Hennaa kana dhagayan guddisanii aaranii ilkaan itti ciniinnatan. Inni Ayyaana Woyyu'uun guuttamee gara sami'ii xinxallee hennaa ol laalu ulfinna Rabbiitiif Yesuusiinillee mirga Rabbii ka dhaabate argee, Samiin banamtee Ilmi Namaa mirga Rabbii ka dhaabateeru arga'aara jedhe. Guddisanii Laagaa ol qabatanii iyya'aa gurra isaanii qabatanii yaada tokkoon ta'anii gara isaa fiigan. Qachaa keessaa gara diidaa baasanii dhaga'aan tuman. Worri raganillee uffata isaa luka dargaggeessa Saa'ool jedhamu tokko jala kaayan. Hennaa isaan Isxifaanosiin dhaga'aan tuman, inni Gooftaa kiyya lubbuu tiyya fudhadhu jedhee kadhate. Jilbiinfatee Gooftaa kiyya cubbuu kana isaanitti hin laakkayin jedhee laagaa ol qabatee iyyee du'e. Saa'oolillee ajjeefamuu isaatitti jaraan woliigale. Guyyaa san woldaa Kiristaanaa ta Yeruusaalem jirtutti baqa gudda'atu ta'e. Eergamtoota malee maruu gara Yihuuda'aatii fi gara biyya Samaariya'aa faca'an. Namoonni Rabbiin faateffachu'uun jabaatan, Isxifaanoosii guddisanii booya'aa awwaalan. Saa'ol ammoo woldaa Kiristaanaa diiga'aa ture. Mana maraa seena'aa dhiiraa fi dubartootallee harkisa'aa gara mana hidha'aatitti dabarsa'aa isaan kenna'aa ture. Worri faca'an dubbii lallaba'aa deeman. Filiphoosillee gara qachaa Samaariya'aa dhaqee waan Kiristoosii isaanitti lallabe. Baniinillee dubbii Filiphoosii hennaa dhagayaniif malkata inni godhe hennaa argan; waan inni jedhe yaada tokkoon dhagayaniin. Ayyaanni hamaan laagaa gudda'aan iyya'aa namoota heddu keessaa baya'aa waan tureef naafatan hedduu fi worri hokkolullee hin fayyan. Qachaa san keessatti gammachuu gudda'atu ta'e. Namni Simoon jedhamu tokko ammoo ani gudda'a jedhee moraa namoota Samaariya'aa nama maalalchiisa'aa qachaa san keessa jiraate. Namoota didiqqaa irraa jalqabee haga namoota gugurda'aa hunni Rabbii kana jedha'aa martinuu isa caqasan. Bara dheeraa irraa jalqabee waan moru'uun isaan maalalchiiseef isa jalaa caqasan. Haata'uu ammoo waan jeennata Rabbiitii fi waan Gooftaa Yesuus Kiristoosii isaanitti lallabe. Isaallee hennaa waan Filiphoos jedhe dhagayan dhiirtinii fi dubartiinillee amananii cuuphaman. Simoonillee akkasuma amanee cuuphamee Filiphosiin wol ta'e. Hennaa malkataa fi maalaleen guddaan ta'e argee ajaa'ibsiifate. Ergamoonni Yerusaalem jiran namoonni Samaariya'aa dubbii Rabbii akka fudhatan dhagayanii Pheexroosii fi Yohaannisiin isaanii ergan. Isaanillee hennaa gara isaanii dhaqan akka Ayyaana Woyyuu argataniif Rabbiin isaanii kadhatan. Maqaa Gooftaa Yesuusiitiin cuuphaman malee, isaan keessaa tokko irrattillee Ayyaanni Woyyuun waan hin buuneef. Hennaa san harka ufii isaan irra kaayanii Ayyaana Woyyu'uun guuttaman. Simoonillee harka nama irra kaayuu ergamootaatiin Ayyaanni Woyyuun akka kennamu haga arge, birrii isaanii fideefii, «Ka ani harka irra kaayu maruu Ayyaana Woyyu'uun akka guuttamu naallee baalli kana naa kennaa'a» jedhe. Pheexroos ammoo akkana jedheen; «Kennaa Rabbii birri'iin argatuu waan yaaddeef birriin kee si woliin haa badu. Garaan kee Rabbiin afo'otti qajeelaa waan hin taaneef waan kana irraa hiree yookiin gayee hin qabdu. Eegaasuu badooma kee kanaaf agii gali maal laataa yaada garaa keetii yoo ka sii dhiisu ta'e Rabbiin kadhadhu. Summii hadhaaya'aa fi hammeenna keessa akka jirtu waan arga'aaruuf.» Simoonillee deebisee, «Wonti hamaan kun tokkollee akka narra hin geenne isinumti Gooftaa naa kadhadhaa'a» isaaniin jedhe. Isaanillee haga raganii fi dubbii Goofta'allee haga himaniin maayessa gara Yerusaaleemii deebi'an; Samaariya'attillee ganda hedduu keessatti Oduu Nagayaa lallaban. Maleekkaan Goofta'aa Filiphoosiin, «Ka'iitii gara bita'aatitti gara karaa Yerusaalemii gammoojjii gaaza'aatitti gadi geessu dhaqi» jedheen. Innillee ka'ee deeme. Namichi qaama hormaataa hin qabne ajajaan hojjatootaa mootittii Itoophiya'aa ta «Hindakee» jedhamtu, ka qabeenna isi'ii horatu namni kun sagadu'uuf gara Yeruusaalemii deeme. Achii yoo deebi'uu gaarii fardaan harkifamu irra taa'ee Kitaaba raatticha Isaayyaasii dubbisa'aa ture. Ayyaanni Woyyuun Filiphoosiin, «Gara gaarii fardaan harkifamu kanaa siiqiitii wol gayi» jedheen. Filiphoosillee gara isaa hennaa fiige; uduu inni Kitaaba raatticha Isaayyaasii dubbisu dhagayee, «Waan dubbisa'aartu kana hubattaa?» jedheen. Innillee, «Uduu nama naa ibsu hin arganne attamitti naa gala ree?» jedheen. Akka Filiphoos gaarii fardaa irra bayee isa woliin akka taa'u isa kadhate. Huleen inni barreeffama kutaa kitaabaa keessaa dubbisa'aa ture sun, «Inni akka hoolaa qalamu'uuf oofama'aartuu, akka ilmoolee hoola'aa hennaa namni rifeensa isii irraa muru akkuma cadhiftu Innillee akkasuma waan tokkollee hin dubbanne. Inni uf salphise; murtiin dhuga'aa hin kennamneef. Jireenni isaa lafarraa waan fudhatameeruuf, eennutu dhala isaatitti himuu danda'aree?» Namichi qaama hormaataa hin qabne sunillee Filiphoositti deebisee, «Yaboo si wogee raattichi waan eennuu dubbata? Waan ufiiti moo waan nama biraati?» jedheen. Filiphoosillee afaan baqaffatee kitaaba kana irraa jalaqabee waan Oduu Nagayaa ka Yesuusii itti hime. Karaa irra uduu deeman gara bisaanii gayan. Namichi qaama hormaataa hin qabne, «Ani amma bisaaniin akka hin cuuphamnee wonti na dhooggu maali'i?» jedheen. Filiphoosillee, «Garaa kee guutu'uun yoo amante hin danda'ama» jedheen. Ammallee, «Yesuus Kiristoos Ilma Rabbii akka ta'e hin amana» jedhe. Gaariin fardaan harkifamu akka dhaabatu ajajee, namichi qaama hormaataa hin qabnee fi Filiphoos gara bisaanii bu'an. Innillee hin cuupheen. Bisaan keessaa haga bayaniin maayessa Ayyaanni Goofta'aa Filiphoosiin hin fudhateen. Namichi qaama hormaataa hin qabne deebi'ee isa hin argine; gammada'aa karaa ufii deeme. Filiphoos ammoo Azaaxoonitti argame. Haga Qisaariya'aallee dhaqu'uuf deddeebi'atti qachaa marattuu Oduu Nagayaa lallabe. Saa'ol ammoo darasoota Goofta'aa ajjeesu'uuf dhaadata'aa gara bulchaa gadootaa dhaqe. Worra Goofta'atti amanan dhiiraa fi dubartoota yoo arge hidhee, akka fiduuf xalayaa gara mana sagada Yihuudota damaasqo'ootitti akka isaaf barreessu bulchaa gadootaa gaafate. Uduu deemu gara Damaasqo'oo hennaa dhiyaatu; dimmaa naannoo isaatitti sami'ii ifti falaqqifnaan kufe. Uduu inni hulee kufe jiru, laagaa, «Saa'ool Saa'ool, maaf na ariitaa?» jedhu dhagaye. «Gooftaa kiyya! Ati eennu?» jedheen. Innillee, «Ani Yesuusii at ariitu; worrana kana yoo mormite sitti jabaata» Hollata'aatti maalalfatee, «Gooftaa kiyya! Akka maal godhu feeta?» jedheen. Gooftaanillee, «Ka'iitii gara qacha'aa seeniitii waan godhuu si barbaachisu sitti himan» jedheen. Namoonni isa woliin karaa deema'aaran laagaa dhagaya'aa ufii ammoo womaa uduu hin argine; akka duuda'aatitti cadhisanii dhaabatan. Saa'ool hennaa lafaa ka'e, ijji isaa womaa waan hin argineef; harka isaa qabanii masakka'aa gara Damaasqo'oo seensisaniin. Ijji isaa uduu hin argine guyyaa sadihii ture. Hin nyaanne; hin dhunnelle'e. Damaasqoo keessa darasaa Hanaaniyaa jedhamu tokkotu ture. Gooftaanillee mudhataan, Hanaaniyaa kiyya jedheen. Innillee yaa Gooftaa kiyya jedhee jalaa awwaate. Gooftaanillee, «Ka'iitii, gara karaa ‹Qajeelaa› jedhamu sanii deemii mana Yihuudotaa keessaa nama Saa'ool jedhamu ka biyya Xerseesii tokko soqi. Inni achitti waan faateffata'aaruuf. Saa'ool namni Hannaaniyaa jedhamu seenee ijji isaa akka argituuf hennaa harka isa irra kaayu manaabaan argeera» jedheen. Hannaaniyaanillee deebisee, «Gooftaa kiyya! Yerusaalem keessaa woyyoota irratti waan hamaa meeqaa akka godhe waan namicha kanaa namoota heddu irraa dhagayeera. Asittillee worra maqaa kee waaman maraa hidhu'uuf bulchoota gadootaatiin muudameera» jedhe. Gooftaanillee, «Inni kun worra Yihuudii hin taane, moototaa fi ijoollee Israa'elootaa afo'otti akka maqaa kiyya baadhatuuf meeshaa naaf filatame waan ta'eef deemi. Akka inni maqaa kiyya baadhatu'uuf jedhee rakkatu aninuu isatti mudhisa» jedheen. Hannaaniyaanillee deemee mana isaa seenee harka ufii irra kaayee, «Obboleessa kiyya Saa'ool, Gooftaan ka karaa ati deemtutti sitti mudhate Yesuus, akka ati argituu fi akkasuma Ayyaana Woyyu'uun akka si guutuuf na erge» jedhe. Yoosuu qolli akka cim'a'aa ija isaatii bu'e; innillee hin arge; ka'ee cuuphamee hurbaata nyaatee jabaate. Darasoota Damaasqoo jiran woliin guyyaa hagoo taa'e. Yoosuu waan Yesuus Kiristoosii akka inni Ilma Rabbii ta'e mana sagadaa Yihuudotaa keessatti lallabe. Worri dhagayan maruu maalalfatanii, «Kun Yerusaalemiin keessatti worra maqaa Yesuusii waamu nama balleesa'aa tureemii? Ammallee hidhee gara bulchoota gadootaatitti isaan fidu'uuf dhufee?» jedhan. Saa'ool ammoo itti jabaata'aa deeme. Yihuudota Damaasqoo taa'an Yesuus Kiristoosiin akka ta'e isaanitti hima'aa, waan isaa deebisan dhabsiise. Haga guyyaa hedduu bubbuleen maayessa Yihuudonni isa ajjeesu'uuf mari'atan Saa'ool ammoo yaada isaanii beeke. Isa ajjeesu'uuf halkanii fi guyyaa balbala qachaa maraa eega'aa turan. Darasoonni ammoo halkanniin fuudhanii dallawa gubba'aan keeshe'een isa buusan. Saa'oolillee Yerusaalemiin hennaa gaye darasootatti eda'amu'uuf yaale. Martinuu darasaa ta'uu isaa waan hin amanneef sodaataniin. Barnaabaas ammoo fuudhee ergamoota bira seensisee attamitti akka Gooftaan isa argee fi itti dubbate Damaasqo'ottillee maqaa Yesusiitiin uggee attamitti akka dubbate isaanitti odeesse. Maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin uggee dubbata'aa Yerusaalemitti isaan woliin baya'aa gala'aa ture. Yihuudota biyya Giriikiitii dhufan woliin qaaqa'aa isaaniin wol morma'aa ture. Isaan ammoo isa ajjeesu'uuf barbaadan. Obboleeyyan haga kana beekanniin maayessa, gara Qisaariya'aa fidaniinii, achillee gara Xeerseesii erganiin. Tokkummaan woldaa kiristaana Yihuuda'aa, Galiila'aa fi Samaariyaa jiran maruu nagayaan jiraata'aa, cima'aa, sodaa Rabbiitii fi Ayyaana Woyyu'uun jajjabaata'aa baayi'innaan guddata'aa deeman. Pheexroosillee hennaa hulee maraa deemu akkasuma gara woyyoota Liidaa jiraataniillee gad bu'e. Achittillee nama woggaa saddeetaaf laamshayee siree irra ciisa'aa ture, ka Eniyaa jedhamu tokko arge. Pheexroosillee, «Eniyaa, Yesuus Kiristoos si fayyiisaa ol ka'iitii, ufumaa sirree tee afadhu» jedhe. Innillee Yomasan ka'e. Worri Balda'aa fi Saroonaa keessa jiraatan maruu isa arganitti Goofta'atitti amanan. Iyoophe'ettillee darasaa Xabbitaa jedhamtu takkatu jira; afaan Giriikiitiin maqaan isi'ii «Dorqa'a» Dorqaa jechuun «Kuruphee» jechu'u; isiin ta waan mishaa uf keessaa qabduu fi ta kennaallee kennitu turte. Isiin ji'uma sanniin keessa dhibamtee duute; reeffa isi'iillee dhiqanii kutaa gamo'oo tokko keessa kaayan. Liidaanillee Iyoophe'etti dhiyoo waan taateef darasoonni akka Pheexroos achi jiru dhagayaanii nama lamaa isatti erganii, «Maal dafii nutti koottu» jedhanii kadhataniin. Pheexroosillee ka'ee isaan woliin dhaqee; hennaa inni achi gaye, gara gamo'oo ol baasaanii haawwotiin hiyyeessaa maruu booya'atti waan Dorqaan hennaa isaan woliin jirtuu gooteef Shinshini'ii fi uffata isiin uffattu maraa isatti mudhisa'aa afoo isaa dhaabatanii booyan. Pheexroosillee isaan maraa gara diidaa baasee, jilbiinfatee Rabbiin kadhata'aa gara reeffaa laalee, «Xabbitaa, ka'i!» jedheen. Isiinillee ija ufii banattee hennaa Pheexroosiin argite ol kaatee teette. Hiixatee harka isi'ii ol isii qabee kaase haadha hiyyeeyyi'iitii fi woyyoota waamee isii jirtuu afoo isaanii dhaabsise. Wonti kun Iyoophee maraa keessatti waan beekkame ta'e, namoonni hedduullee Goofta'atti amanan. Iyoophe'ettillee namicha gogaa duugu ka Simoon jedhamu tokko bira guyyaa hedduu taa'e. Namichi Qorneelewoos jedhamu tokko biyya Qisaariya'aa keessa jiraata'aa ture. Inni kun kutaa woraanaa worra Rooma'aa ka Ixaalqaa jedhamee waamamuuf ajajaa loltuu dhibbaa ti. Inni maatii ufii maraa woliin nama Rabbiin kaddaamuu fi nama Rabbiin sodaatu bani'iillee keenna hedduu kenna'aa; hennaa maraa Rabbiin faateffata'aa ture. Guyyaa keessa gara sa'aatii sagaliititti «Qorneelewoos» jedha'aa maleekkaan Rabbii hennaa manaabaan gara isaa seenu addaata'aatti arge. Innillee hennaa guuttatee isa laalu nayee, «Goofta'a maali'i?» jedhe. Maleekkaanillee akkana isaan jedhe, «Faateen keetii fi hiyyeeyyii gargaaruun kee Rabbiin afo'otti yaadatameera. Ammallee gara worra Iyyoophe'ee namoota ergiitii, nama Pheexroos jedhamu Simooniin fijisiisi. Innillee keessumumma mana namicha gogaa duuguu ka manni isaa qarqara galaanaa jiruu taa'eera. Inni waan ati gootu sitti hima.» Maleekkaan isatti dubbate sun haga biraa deeme garboota mana isaa keessaa nama lamaan worra loltuu isaaf amanaman keessaa nama Rabbiin kaddaamu tokko waamee, Waa maraa isaanitti himee gara Iyyoophe'ee isaan erge. Isaanillee bariisaa deemanii gara qacha'aa hennaa dhiyaatan, Pheexroos gara sa'aatii jahaatitti faateffachu'uuf gara gamo'oo ol baye. Hennaa san Pheexroos beelayee waan nyaatu barbaadee uduu waan nyaataa qopheessa'aafii jiran manaabaan, Samiin banamtee kallattii arfaniinuu waan woyaa fakkaatu ka wol qabateeru kallattii arfaniinuu gara lafaa yoo bu'u arge. Achitti bineensoonni luka afur qaban worri lafa irra sosocho'an maruu Simbirroonni sami'iillee keessa turan. «Pheexroos ka'iitii goorra'ii nyaadhu!» laagaan jedhu gara isaa dhufe. «Gooftaa kiyya hin ta'u! waan battii tuffatame tokko sirimaa nyaadhee hin beeku» jedhe. Deebi'eellee lammaffaa, «Waan Rabbi qulqulleesse ati hin batteessin» laagaa jedhu dhagaye. Wonti akkanaa Kun hennaa sadi ta'e, yomasan meeshaan gara sami'ii ol fudhatame. Pheexroosillee waan manaaba arge saniif maal inni jedhee onnee isaatiin uduu mamu kunoo namoonni Qorneelewoos erge waan mana Simoonii gaafatanii, gara balbalaa dhiyaatan. Isaan laagaa ufii ol qabatanii, «Keessummaan Simoon Pheexroos jedhamu as jiraa?» jedhanii gaafatan. Pheexroos waan manaabaa uduu yaada'aa jiru Ayyaanni, «Kunoo! Namoonni sadihii si soqa'aaran. Ka'iitii gad bu'i; ka isaan erge ana waan ta'eef uduu hin mamin isaan woliin deemi» jedheen. Pheexroosillee gara namootaa gad bu'ee, «Namni soqa'aartan ana; maali'iif dhuftan?» jedhe. Isaanillee deebisanii, «Nu ajajaa dhibbaa ka Qorneelewoos jedhamu biraa dhufne; inni qajeela'aa fi nama Rabbiinillee sodaatu ka Yihuudota maraa biratti kabajjama'aa fi ka maqaa mishaa qabu; inni gara mana ufii si waamsisee, waan ati jettu akka dhagayu, maleekkaan woyyuun isatti dubbate» jedhanii deebisaniif. Innillee mana seensisee, isaan keessummeesse. Bariisaa ka'ee isaan woliin deeme; amantoota Iyyoophee jiran keessaallee gariin isa woliin deeman. Guyyaa itti aanullee qachaa qisaariya'aatitti galan Qorneelewoosillee firoota isaaniitii fi goshoota ufii wolitti waamee, isaan eega'aa ture. Pheexroosillee hennaa seene Qorneelewoosiin argeeti luka isaa jalatti kufee sagadeef. Pheexroosillee, «Ka'i! Anillee namuma akka keetii ti» jedhee isa kaase. Isa woliin qaaqa'aa mana seene; namoonni hedduu ka wol gayaniiran argee, «Namni Yihuudi'ii gosa biraa woliin taa'uu yookiin itti dhiyaachuun akka seera hin taane isinuu hin beettan; anatti ammoo Rabbi nama kamiinuu battaaya'aa fi ka tuffatame akka hin jenne natti mudhise. Kanaafuu isin na waamnaan uduu hin mamin dhufe; ammallee maali'iif na fiddan? jedhee isin gaafadha» isaaniin jedhe. Qorneelewoosillee akkana jedhe, «Guyyaa afuriin dura gara sa'aatii sagaliititti ani mana kiyyatti uduu faateffata'aa jiru; namni uffata calanqisu uffate tokko na afoo dhaabatee, ‹Qorneelewoos! faateen kee Rabbiin afo'otti sii dhagayameera, kennaan ati hiyyeeyyi'ii kennitullee sii yaadatameera. Eeganaa gara Iyyoophe'ee ergiitii Simoonii Pheexroos jedhamu waamsisi, inni mana Simoonii gogaa duuguu ka manni isaa qarqara galaanaa bira keessummummaa achi taa'eera› naan jedhe. Kanaafuu hennaa san gara kee erge; atillee dhufuu keetiif mishaa goote, eeganaa waan Rabbiin biraa dhageette maraa sirraa dhagayu'uuf nu martinuu amma asi afoo Rabbii jirra.» Pheexroos akkana jedhee dubbate «Dhugamaan Rabbi nama akka nama wol hin caalchifne hubadheera. Nama biyya kamiillee yoo ta'e nama Rabbiin sodaatuu fi nama waan qajeelaa hojjatu Inni hin simataani. Yesuus Kiristoos Gooftaa maraa ta'een nagaya isaa lallaba'aa dubbii kana gara ijoollee Israa'elii erge. Cuuphaa Yohaannis lallabeen maayii waan biyya Galiila'aatii haga Yihuudaa maraa keessatti ta'e isinuu hin beettan. Rabbi Yesuusii nama Naazireetii Ayyaana Woyyu'uu fi hunnaan isa muude. Yesuus waan mishaa godha'aa worra daabiloosii bitaman maraa fayyisa'aa olii gad deeme. Waan Rabbi isa woliin jiruuf. Nullee waan inni biyya Yihuudotaatii fi Yerusaalemitti godhe maraaf raga'a, isa muka irratti fannisanii ajjeesan. Isa Rabbi guyyaa sadaffa'aatitti du'aa kaasee, akka inni mudhatu godhe. Kunillee banii maraafii miti. Haata'uu ammoo, nu worra firrisa Rabbiif filatamnee ragaa isaa taaneef malee, haga inni worra du'an keessa ka'een maayii isa woliin worri nyaatee dhugee nu'u. Bani'ii akka lallaabnuu fi worra jiranii fi worra du'an irrattillee akka inni murtii kennu Rabbiin ka murtaaye ta'uu kana akka ragaa baanu nu ajaje. Isatti ka amanu maruu maqaa isaatiin dhiifamsa cubbu'uu akka argatuuf raattonni martuu hin raganiif.» Pheexroos waan kana akkuma dubbateen worra dubbii isa dhagayan maraa irratti Ayyaanni Woyyuun bu'e. Worri Pheexroosiin woliin dhufan maruu amantoonni gara worra gadoomanii ta'anii worra Yihuudota hin taane irratti kennaan Ayyaana Woyyu'uu waan bu'eef maalalan. Wonti amantoonni Yihuudotaa maalalaniif, waan Ayyaanni Woyyuun worra Yihuudota hin taane irratti bu'ee laagaa haarawaan dubbata'aa hennaa Rabbiin kabajjan waan dhagayaniif. Hennaa san Pheexroos deebisee, «Kunniin ammoo akkuma keenna Ayyaana Woyyuu worri fudhatan akka isaan hin cuuphamnee ka bisaan isaan dhooggu eennu?» jedhe. Akka maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphaman isaan ajaje. Kanaan maayii akka inni guyyaa hagoo taa'u kadhataniin. Ergamtoonniinii fi obboleeyyan Yihuudaa jiran akkasuma worri Yihuudota hin taane dubbii Rabbii akka fudhatan dhagayan. Pheexroosillee gara Yerusaalemii hennaa dhufe, worri gara worra gadoomanii isaan wol mormanii, «Ati mana worra hin gadoomnee sentee isaan woliin nyaatte» jedhaniin. Pheexroos ammoo jalqabaa kaasee duraa duubaan akkana jedhee isaanii ibse. «Ani qachaa Iyyoophe'eetitti uduu faateffata'aaru, yaada keessa ta'ee manaaba arge; meeshaan guddaan woccuu fakkaatu kallattii arfaniinuu wol qabatee sami'ii bu'eeti gara kiyya dhufe. Waan sanillee yoo guuttadhee laalu beelladoota luka afurii, bineensota bosonaa, uumama lafa irra looyanii fi simbirroota sami'illee arge. ‹Pheexroos, ka'ii gorra'ii nyaadhu!› laagaa jedhu dhagaye. Anillee, ‹Gooftaa kiyya! Hin ta'u; waan battaaya'aa fi ka tuffatame horomaa afaaniin qabee waan hin beenneef› jedhe. Ammallee ka Rabbii qulqulleesse ati hin batteessin laagaan jedhu sami'ii naa dhufe. Wonti kun hennaa sadi ta'e, deebi'ee maruu gara sami'ii fudhatame. Hennaa san namoonni sadihii Qisaariya'aa gara kiyya ergamanii gara mana ani jiruu dhufan. Ayyaanni uduu hin mamin isaan woliin akka deemu natti hime, obboleeyyan jahan kunniin ammoo na woliin dhufanii gara mana nama sanii seene. Innillee akka Maleekkaan mana isaa keessa dhaabate arge, Maleekkaanillee gara Iyyoophe'ee namoota ergiitii Simo'oonii Pheexroos jedhamu waamsisi; innillee atii fi namoonni mana keetii maruu waan ittiin fayyitan isinitti hima akka jedheen nutti hime. Akkuma ani dubbachuu jalqabeen Ayyaanni Woyyuun akkuma duraan nurratti bu'e isaan irrattillee bu'e. ‹Yohaannis bisaaniin cuuphe, isin ammoo Ayyaana Woyyu'uun cuuphamtan› ka jedhu dubbii Goofta'aa qaabadhe. Eeganaa Rabbi nu worra Gooftaa Yesuus Kiristoositti amanne kanaa akkana yoo kenne, isaaniillee akkasuma yoo kenne waan kana Rabbiin dhooggu'uuf ani dandeettii qabaa?» Isaan hennaa kana dhagayan cadhisaniiti, «Rabbi worra Yihuudota hin ta'inillee akka cubbuu irraa deebi'anii jiraatan hiree aagii galiiti'ii isaanii kenneera» jedhanii Rabbiin galateeffatan. Sababaa rakkinna Isxifaanoosiin irra gayeetiin worri bittinaayan finiqee Qophiroosiif, haga Anxookiya'aa deemanii dubbii Rabbii Yihuudota calla'atti himan malee, ka biraa eennuttuu hin himne. Isaan keessaa ammoo namoonni Qophiroosiitii fi Qareenaa taa'an tokko tokko gara Anxookiya'aa dhufanii Oduu Nagayaa Gooftaa Yesuus Kiristoosii lallaba'aa namoota Giriikiitittillee himan. Harki Goofta'aallee isaan woliin ture. Namoonni hedduu amananii gara Goofta'aa deebi'an. Oduun kun Woldaa kiristaanaa ta Yeruusaalemiin keessa jirtutti dhagayame, Barnaabaasiinillee gara Anxookiya'aa ergan. Innillee achi dhaqee badhaadhummaa Rabbii haga arge hin gammade; marti isaaniituu fedha garaa isaaniitiin Goofta'aan jabaatanii akka jiraatan gorse. Inni nama mishaa ka Ayyaana Woyyu'uu fi ka amantaa qabu waan tureef, baniin hedduu Goofta'atti amanan. Barnabaasillee Saa'ooliin soqu'uuf gara Xeerseesii dhaqe; hennaa isa arge gara Anxookiya'aa isa fide. Woldaa kiristaanaatitti woggaa tokko guutuu wolitti qabamanii banii hedduu barsiisan. Darasoonnillee hennaa jalqabaatiif Anxookiya'atti, «Kiristaana» jedhamanii waamaman. Ji'ootuma san keessa raattoonni Yerusaalemiin irraa gara Anxookiya'aa dhaqan. Isaan keessaa namichi Agaabos jedhamu tokko ka'eeti adunyaa maraa irratti beelli akka dhufu Ayyaana Woyyu'uun isaanitti hime; wonti kunillee bara Qelaawudeewoos Qeesarichaa ta'e. Darasoonni marti isaanii akkuma dandeettii isaaniitiin waa wolitti baasanii obboleeyyan Yihuudaa keessa jiraataniif gargaarsa ergu'uuf murteeffatan. Isaanillee akkasuma godhan. Barnaabasii fi Saa'olitti kennanii gara manguddoota woldaa Kiristaanaatitti ergan. Bara san mootichi Heroodisii rakkinna isaanitti jabbeessu'uuf woldaa kiristaanaa tokko tokko guddisee miidhe. Obboleessa Yohaannisii Yaaqoobiin guraade'een ajjeese. Akka Yihuudota gammachiise argee, Pheexroosiinillee qabe; hennaan sun ji'a Ayyaana xorosho'ooti. Haga qabeenii gara mana hidha'aa seensise, Faasika'aan maayii gara banii baasu'uuf yaadee, marti isaaniituu loltoota afur ta'anii akka isa eegan loltoota garee afuritti qoodamaniitti dabarsee isa kenne. Pheexroosillee mana hidha'aatitti eeggama'aa ture; haata'uu ammoo woldaa kiristaanaatitti waan isaatiif jabeessanii Rabbiin kadhata'aa turan. Heroodisillee isa baasu'uuf hennaa yaade, halkan san Pheexroos siiboo sibiilaa lamaan hidhamee loltoota lama wodhakaa rafe. Worri eegan balbala afoo taa'anii mana hidha'aa eegan. Maleekkaan Goofta'aa dhufee, mana keessatti ifti ife. Pheexroosiin kalee isaa tuqee dammassee, «Daddafii ka'i!» jedheen. Sansalaannillee harka Pheexroosii irraa bu'e. Maleekkaan sunillee, «Woccuu tee marxifadhu kophee kee godhadhu» jedheen. Innillee akkasuma godhe. «Uffata uffadhuu na faana koottu» jedheen. Innillee bayee isa faana deeme; waan manaaba argu itti fakkaata'aa ture malee, wonti Maleekkaan godha'aaru dhugaa ta'uu isaa hin beenne. Worra karra eegu ka tokkoffa'aatii fi ka lammaffa'aa bira lufanii karra sibiilaa gara qacha'aa baasu gayan. Karrillee ufumaan isaan jalaa baname. Bayaniillee haga tokko lufanii yomasan Maleekkaan isa biraa fooyame. Pheexroosillee uf beekee, «Gooftaan Maleekkaa ergee harka Heroodisiitii fi banii Yihuudotaa worra isa eega'aa turan maraa jalaa akka na baase amma dhugamaan beekeera» jedhe. Pheexroos haga kana beeke hulee namoonni hedduu itti wolgayanii faateffata'aa turan gara mana Maariyaamii haadha Yohaannisii ka Maarqoos jedhamuu dhaqe. Pheexroos hennaa balbala dhadhayu hojjattuun Roodee jedhamtu takka caqasu'uuf dhuftee, Akka laagaa Pheexroosii ta'e haga beette, guddiftee waan gammaddeef, balbala uduu hin banne, mana keessa ol fiiddee, «Akka Pheexroos balbala afoo dhaabate!» himte. Isaan ammoo, «Hin maraatteerta!» isi'iin jedhan. Isiin ammoo ittuma deebitee, «Lakkaa isumaa» jette. Isaan ammoo «Maleekka'a» jedhan. Pheexroos ammoo ittuma deddeebi'ee balbala dhadhaye. Isaan ammoo balbala bananii hennaa laalan isa ta'uu haga argan maalalfatan. Inni ammoo akka cadhisaniif afaan isaanitti dhadhayatee, attamitti akka Gooftaan mana hidha'aatii isa baase isaanitti himee, waan kana Yaaqoobii fi obboleewwan kaawwanittillee himaa'a isaaniin jedhe. Achii bayeeti gara hulee biraa dhaqe. Hennaa bari'e, «Pheexroosiin maaltu itti gale?» jedhanii loltoonni guddisanii wocan. Heroodisillee soccisiisee haga dhabe worra eeddootaa qoratee akka isaan ajjeefaman ajaje. Pheexroos Yihuuda'aa gara Qisaariya'aa dhaqee achi taa'e. Heroodisi namoota Xiirosiitii fi Sidoona'aa woliin wol dhabee ture. Isaan ammoo garaa tokko ta'anii gara isaa dhufan. Ka mootichi amanu Bilaasxoosiin maarre jechisiisanii araara kadhatan. Biyyii isaanii biyya mooticha saniitii waan nyaataa argata'aa turaniif. Haaganaa qabatanii Heroodis uffata mootumma'aa uffatee teessoo isaa irra taa'ee isaanitti dubbate. Baniinillee, «Laagaa Rabbiiti malee, laagaa namaatii miti» jedha'aa woca'aa iyyan. Innillee waan ulfinna Rabbiif hin kennineef hennama san Maleekkaan Goofta'aa isa dhayee raammo'oon nyaattamee du'e. Dubbiin Rabbii ammoo babadhata'aa guddata'aa deeme. Barnaabaasii fi Saa'oolillee tajaajila isaanii raawwatanii Yerusaalemii deebi'an. Yohaannisii Maarqos jedhamullee qabatanii dhufaniin. Woldaa Kiristaanaa ta Anxookiyaa jirtu keessa, raattootaa fi barsiisootatu jira. Isaanillee, Barnaabaas, Simoonii «Gurraacha» jedhamu Luukiiyoos biyya Qareena'aa Heroodisii bulchaa kutaa arfaffa'aa, hiriyyaa isaa Minaahee fi Saa'ooliin fa'a. Isaan kunniinillee Gooftaa kaddaama'aa hennaa sooman, Ayyaanni Woyyuun Barnaabaasii fi Saa'ooliin hujii ani isaan waameef naa fooyaa'a jedhe. Hennaa san soomanii faateffatanii haga harka isaan irra kaayaniin maayii huji'iif isaan ergan. Isaanillee Ayyaana Woyyu'uun ergamanii gara Selewiqiya'aa dhaqan. Achiillee Markabaan gara Qophiroosii deeman. Hennaa Silmaanaa turan, mana sagada Yihuudi'iititti dubbii Rabbii lallaban; tajaajilaan Yohaannis isaan gargaaru'uuf isaan woliin ture. Lafa bisaaniin marfamte san maraa haga Phaafa'aa hennaa deddeeman mortuu Baaryasuus jedhamu raatticha sobaa nama Yihuudi'ii tokko argan. Innillee nama waa hubatu Sergiyoos Phaawuloos jedhamu ka biyya bulchu woliin ture. Innillee dubbii Rabbii dhagayuu barbaadee, Barnaabaasii fi Saa'ooliin gara ufii waame. Mortichi ka maqaan isaa Elimaas jedhamu ammoo bulchaan biyya sanii akka hin amanne fedheeti isaan morme. Phaawuloos ka jedhamu Saa'ool ammoo Ayyaana Woyyuu keessa ta'ee, namicha moru guuttatee laalee, «Ati ka dhartinii fi hammeenni marti si keessa guute; ilma daabiloosii! Diina dhuga'aa! Karaa Goofta'aa micciiruu hin dhiiftuu? Amma harki Goofta'aa si dhaya; jaamaa taata; haga henna'aatiif ifa hin argitu» jedheen. Hennama san hurriinii fi dukkanti itti buutee, nama harkaan qabee isa masakku soqa'aa tafaafure. Hennaa san bulchaan biyyaa waan ta'e haga arge barumsa Goofta'aatiin guddisee maalalfatee amane. Phaawuloosillee goshoota isaa woliin Phaafa'aa ka'eeti gara Phinifiliyaa Pheerge'etti aantuu dhaqe. Yohaannis isaan irraa fooyamee gara Yerusaalemii deebi'e. Isaan ammoo Pheergeeniin lufanii gara Anxookiya'aa fi gara Phisigiya'aa gayanii, guyyaa Sambataatiin gara mana sagada Yihuudotaa seenanii taa'an. Haga Kitaabni seeraatiif kitaabni raattootaa dubbifamaniin maayii bulchoota mana sagada Yihuudotaa isaanitti erganii, «Obboleeyyan teenna waan banii gorsitan yoo qabaattan mee dubbadhaa'a» jedhaniin. Phaawuloosillee ka'ee malkataan agarsiisee akkana jedhe. «Namoonni Israa'eliitii fi worri Rabbiin sodaattan maruu dhagayaa'a!» Waandhi banii Israa'elii kun abboota keenna fooyatee, biyya Misiirii keessummummaa uduu jiran banii isaa ol ol qabe hunna isaa gudda'aan achii isaan baase. Gammojjii keessatti woggaa afurtamaaf isaan nyaachise. Biyya kana'aaniitii fi worra Yihuudii hin taane torba balleessee lafa isaanii isaan dhaalchise. Kanaan maayessa haga raatticha Saamu'eelii woggaa dhibba afuriif shantamaa abootii murti'ii isaanii kenne. Achiin maayii mootii isaan bulchu akka isaanii moosisuuf kadhataniin. Rabbi nama gosa Biiniyaamii keessaa ilma Qiisii Saa'oliin woggaa afurtamaaf isaanii kenne. Isallee haga buuseen maayii, Daawitiin isaan irratti mootii taasise; hennaa isaa ragaa bayu, ‹Nama akka garaa kiyyaa ta'e nama fedha kiyya maraa raawwatu ilma Isseyii Daawitiin argadhe› jedhe. Fiixaa nama kanaa keessaa Rabbi akka dubbii abdii Isiraa'elii kenneetitti Yesuusiin fayyisaa fide. Dhufuu isaatiin dura Yohaannis durseeti banii Israa'elii maraaf cuuphaa aagi'ii lallaba'aa ture. Uduu Yohaannis tajaajila isaa raawwatu, «Ani eennuun akka ta'e na hubattanii? Ani isaa miti. Haata'uu ammoo ka miseensa kophee luka isaa hiikuun naaf hin malle anaan maayii hin dhufa jedhe. «Isin obboleeyyan teenna, fiixaa ijoollee Abrahaamiitii fi isin keessaa worra Rabbiin sodaatan, dubbiin fayyiinsaa kun isinii ergame. Namoonni Yerusaalem jiraatanii fi bulchoonni isaanii dubbii raattotaa ka Sambata dubbifamu hubachuu waan dadhabaniif akka dubbii raattotaatitti isatti murteessan. Yoo sababaa du'aaf isa geessullee hin argine, Philaaxoos dursee akka isa ajjeesu kadhataniin. Waan isaatiif waan barreeffame maraa haga raawwatan, fannoo irraa buusanii awwaalan. Rabbi ammoo worra du'an keessaa isa kaase. Banii biratti worra ragaa ta'aniif isa woliin Galiila'aa gara Yerusaalemii worra bayanitti guyyaa hedduu isaanitti mudhate. Nullee abdii abbootaa inni kenne oduu gammachu'uu isinitti himna. Abdii kana inni faaruu lammaffa'aa keessatti, ‹Ati ilma kiyya, Ani adha si uumadhe› jedhamee akkuma barreeffame, Yesuusiin nuu kaasee nu'u ijoollee isaaniitiif raawwate. Akka hin shamnee fi worra du'an keessaallee akka isa kaasee ka akkanatti amaname, ‹Abdii Daawitii woyyichaa isinii kenna› jedheera. Deebi'ee hulee biraatittillee woyyuun akka shamuuf hin dhiiftu waan jedhuuf. Daawitillee bara isaatitti fedha Rabbii haga tajaajileen maayii du'ee, abbooti'iin wolitti eda'amee shame. Ka Rabbi kaase kun ammoo hin shamne. Eeganaa obboleeyyan tiyya, karaa isaatiin dhiifamsi cubbu'uu akka isinii ta'uuf, Seera Muuse'eetiin qajeellota ta'uu hin dandeenne. Ka isatti amanu maruu isaan akka qajeellota ta'an isin biratti ka beekkame haata'u. Eeganaa, ‹Isin worri tuffattan laalaa'a, maalalfadhaa'a! badaa'a! waan tokko yoo isinitti hime hujii isin hin amanne, bara keessanitti ani waan hujuuf› jedhamee Wonti raattotaan dubbatame akka isin irra hin geenne uf eegaa'a!» jedhe. Hennaa bayan waan kana Sambata dhufu akka isaanitti himu kadhataniin. Gumiin haga adda yaa'een maayessa, Yihuudonninii fi worri gara Yihuudi'ii seenanii kaddaaman hedduun isaanii Phaawuloosii fi Baarnaabaasiin faanaa deeman. Isaanillee badhaadhummaa Rabbiitiin jabaatanii akka jiraatan isaan hubachisan. Sambata lammaffa'aa namoota hago'oon ala namni qachaa sanii maruu dubbii Rabbii dhagayu'uuf wolgayan. Yihuudonnillee banii heddu hennaa argan hinaaffa'aan guuttamanii isaan abaara'aa dubbii Phaawuloos dubbatu morman. Phaawuloosii fi Baarnaabaas, «Firrisa dubbii Rabbii ifa baafnee isinitti himuu barbaachisa; Yoo dhiibdan, dubbiin jireenna bara baraa akka isiniif hin taane yoo gootanii fi yoo ufitti murteessitan, nu ammoo gara worra Yihuudota hin taanee deebina. Akkasuma Gooftaan, ‹Haga daangaa dhuma lafaa fayyinnaaf akka taatu, Worra Yihuudota hin taaneef ifa si taasiseera› jedhee waan nu ajajeeruuf» jedhan. Worri Yihuudota hin taanellee dhagayanii gammadanii dubbii Rabbiillee kabajjan. Worri jireenna bara baraatiif qophaayan maruu amanan. Dubbiin Goofta'aa biyya maraa keessatti babadhate. Yihuudonni ammoo, worra kaddaaman, dubartoota kabajjamaanii fi bulchoota qachaa booressan Phaawuloosii fi Baarnaabaasiin irratti lola kaasanii biyya isaaniitii baqachiisan. Isaan ammoo daaraa luka isaanii ufirraa dhadhayatanii, gara Iqooniyoonii dhuqan. Darasoonnillee gammachu'uu fi Ayyaana Woyyu'uun guuttaman. Iqooniyo'ottillee akkuma duraanii gara mana sagada Yihuudotaa seenanii namoonni Yihuudi'iitii fi Giriikii haga namoonni hedduu amananiif isaanitti himan. Yihuudonni hin amanne ammoo worra Yihuudota hin taane worra amanan irratti kakkaasanii akka jibban godhan. Malkataa fi maalaleen akka harka isaaniititti ta'u isaanii kenna'aa waan dubbii badhaadhummaa Goofta'aa raga'aa ji'a hedduu achi taa'an. Baniin qacha'aallee gargar qoodamanii wodhakkaan isaanii Yihuudota woliin; wodhakkaan isaanii ergamtoota woliin taa'an. Worri Yihuudota hin taanee fi Yihuudonni ammoo bulchoota isaanii woliin isaan rakkisu'uuf tumuu hennaa yaadan. Isaan ammoo beekkatanii gara qachoota Liqa'ooniya'aa ka Lisixira'aa fi Darbeen jedhamtuu gara biyya naannoo isaanii dheessan. Achittillee Oduu Nagayaa lallaban. Lisxiraa keessatti namicha lutti isaa naafate, ka urga dhalate irraa jalqabee hokkolu ka horomaa luka isaatiin deeme hin beennetu achi taa'aa ture. Namni kunillee Phaawuloos hennaa dubbatu caqasa'aa ture. Innillee fayyu'uuf akka inni amantaa qabu hennaa arge, Guuttatee ija keessaa laalee laagaa ol qabatee qajeelii luka keetiin dhaabadhuu jedheen. Innillee ol jedhee ka'ee deddeeme. Baniin waan Phaawuloos godhe hennaa argan laagaa ufii ol qabatanii, «Afaan Liqa'ooniya'aatiin malekka'atu nama fakkaatee gara keenna bu'eera» jedhan. Baarnaabaasiinillee, «Diyaa» jedhaniin. Phaawuloosillee inni dubbataa ijoo waan ta'eef, «Hermeen» jedhaniin. Gadichi Diyaan mana woyyuu ka afoo qacha'aa jiru keessatti korommi'ii fi abaaboo bareechifamee marame banii woliin gara balbalaa fidee kennaa ciinca'aa godhee kennu barbaade. Ergamoonni Baarnaabaasii fi Phaawuloos ammo, henna kana dhagayan uffata ufii tarsaasaanii gara bani'ii fiiganii iyya'aa akkana jedhan. «Isin namoota nana, maaf kana gootan? Nullee ammoo namuma akka keessaniiti waan duwwaa kana irraa gara Rabbii jiraataa ardii, samii, galaanaa fi waan galaana keessa jiraatu mara uumee akka deebitaniif Oduu Nagayaa isinitti lallabna. Inni dhaloota darbe keessatti worra Yihuudii hin taane maraa gara karaa ufii fedhanii akka deeman dhiise. Hujii mishaa hojjata'aa samii irraa Roobni roobee ji'a daraaraan daraaru nuu kennee, garaa keenna nyaataa fi gammachu'uun guute; kanniin maraan akka Rabbiin ta'e mudhise.» Kana jedhanii akka ciincaa isaaniif hin goone banii giddi'iin dhooggan. Yihuudonni Anxookiya'aa fi Iqooniyooniin keessaa dhufan ammoo banii sossobanii Phaawuloosiin tumanii waan du'e isaanitti fakkatee qacha'aa gara raasa'aa harkisaniin. Uduu darasoonni marsaniiran ka'ee gara qacha'aa seene. Bariisaa san Baarnaabaasiin woliin gara Darbe'ee dhaqe. Woldaa kiristaanaatitti manguddoota haga muudaniin maayessa soomanii haga faateffatan Gooftaa itti amananitti yaboo isaan kennan. Phisdiiyaa keessa lufaanii gara Phinfiliya'aa dhaqan. Phergeenittillee dubbii haga himaniin maayii gara Ixaaliya'aa bu'an. Achiillee hujii raawwatanii gara hulee Ayyaana Rabbiititti yaboo kennanii gara Anxookiya'aa markabaan deeman. Hennaa achi gayan woldaa kiristaanaa wolitti qabanii waan Rabbi isaan irraan godhe maraa worra Yihuudii hin taaneefillee Rabbi balbala amanta'aa akka isaanii bane himan. Darasoota woliinillee guyyaa heddu taa'an. Gari gariin Yihuuda'aa gad bu'aniiti, «Akka Seera Muuse'eetitti yoo hin gadoomne fayyuu hin dandeettan» jedha'aa obboleewwan barsiisan. Hennaa Phaawuloosii fi Baarnaabaas isaan jiddu'utti mormiin ka'e, waan wol mormii Phaawuloosii fi Baarnaabasiitiif isaan keessaa gari gariin namoonni biraallee gara ergamtootaa fi gara manguddootaa gara Yeruusaalemii akka bayan murtaye. Woldeenni kiristaanaa karaa irratti isaan gargaara'aa isaanillee akka worri Yihuudii hin taane gara Rabbii deebi'an isaanitti hima'aati Finiqe'ee fi Samaariyaa keessa lufan obboleewwan maruu guddisanii gammadan. Hennaa Yerusaalemiin gayan, woldaan Kiristaanaatii fi ergamoonni manguddoonillee isaan simatanii waan Rabbi isaan irraan godhe maraa odeessan. Gosa Fariisotaa keessaa, «Worri amanan gari gariin ka'anii akka gadoomanii fi akka seera Muuse'ee eegan isaan ajajuu barbaachisa» jedhan. Ergamtoonninii fi manguddoonni waan kana mari'achu'uuf wolgayan. Haga guddisanii wol mormaniin maayessa Pheexroos ka'ee akkana isaaniin jedhe, obboleewwan tiyya worra Yihuudii hin taane afaan kiyyarraa Oduu Nagayaa dhagayanii akka amanan Rabbi bara hago'oon dura isin keessaa akka file isinuu hin beettan. Waandhi yaada namaa beeku akkuma Ayyaana Woyyuu nuu kenne isaaniillee kennu'uun ragaa isaanii baye. Qalbii isaaniillee amanta'aan hennaa qulqulleessu nuuf isaan wol hin caalchifne. Eeganaa waan nu'u fi abbootiin teenna baadhatuu hin dandeenne qambaraa gurmuu darasootaa irratti fe'u'uun amma maaf haga Rabbii laaltan? Haata'uu ammoo badhaadhummaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin akkuma isaanii akka fayyinuu hin amanna. Baniin maruu hin cadhisse. Baarnaabaasii fi Phaawuloosillee waan Rabbi harka isaanititti worra Yihuudii hin taane jiddu'utti malkataa fi maalalee godhe maraa hennaa isaanitti himan dhagaya'aa turan. Haga isaan cadhisaniin maayessa Yaaqoob akkana jedhee deebise, obboleewwan tiyya na dhagayaa'a. Rabbi worra maqaa isaatiif ta'u worra Yihuudii hin taane keessaa fooyatu'uun dura attamitti akka isaan laale Simoon dubbateera. Waan kana woliin dubbiin raattotaa wol ta'a jedhame akkuma barreefame, ‹Achiin maayii namoonni hafanii fi worri maqaa kiyyan waamaman worri Yihuudii hin taane maruu Gooftaa soqu'uuf hin deebi'an. Duukkaanaa Daawitii ta kuftellee deebisee ijaara; ka diiggamellee deebisee hin ijaara deebisee dhaaba jedha Gooftaan kana godhu. Dur irraa jalqabee hujiin maruu Rabbiin afo'otti ka beekkame.› «Kanaafuu worri worra Yihuudii hin taane irraa gara Rabbii deebi'an akka isaan hin rakkifne, waaqolee tolfamaa, battummaa, seebaruu, horii ufiin du'ee fi dhiiga irraa akka fagaatan isaanii barreessu'uuf kutadheera. Muuseen dhaloota duraa irraa jalqabee Sambata Sambata mana sagada Yihuudotaatitti hennaa dubbisan qachaa maraa keessattu worra seera isaa lallaban» hin qaba. Hennaa san ergamtoonninii fi manguddoonni woldaa kiristaanaa maraa woliin, isaan keessaa namoonni filataman Phaawuloosii fi Baarnaabaasiin woliin gara Anxookiya'aa akka ergaman hoffolchan. Isaanillee obboleewwan jiddu'utti worri ijoo ta'an Yihuudaa Beersiyaan jedhamuu fi Sillaasiin fa'a. Akkanatti barreessaanitti isaan irraan ergan. Ergamtoonninii fi manguddoonni obboleewwanillee Anxookiya'aa fi Sooriyaa worra Kiliqiyaa worra jiran obboleewwan gossa Yihuudii hin taaneef nagaya dhaamaniiru. Namoonni uduu nu isaan hin ajanye nu biraa ka'anii gadoomtanii seera Muuse'ee eegu'utu isin barbaachisa jedha'aa yaada keessan booressa'aa dubbi'iin akka isin raasan waan dhageenneef, Waan Goofta'aa, waan maqaa Yesuus Kiristoosiitii fi worra lubbuu isaanii kennan worra jaalannu Baarnaabasii fi namoota Phaawuloosiin woliin filataman, Gara keessan erguu yaada tokkoon woliigalle. Isaanillee akkasuma afaanuma ufiitiin woma san akka isinitti himan Yihuuda'aa f Sillaasiin ergineerra. Isaanillee nagayatti isaaniin jedhanii gara Anxookiya'aa bu'an; baniillee wolitti qabanii xalayaa isaanitti kennan. Hennaa dubbisan waan gorsa isaatiif gammadan. Yihuudaanii fi Sillaasillee raattota waan ta'aniif guddisanii amantoota gorsanii jabeessan. Haga guyyaa hedduu taa'aniin maayessa obboleeyyanitti nagaya dhaamatanii gara ergamootaa deeman. Sillaas ammoo achi jiraatuu fedhe. Phaawuloosii fi Baarnaabaasillee namoota kaawwan heddu woliin akkasuma dubbii Goofta'aa barsiisa'aa, Oduu Nagayaa lallaba'aa Anxookiyaa keessa jiraatan. Guyyaa hago'oon maayii Phaawuloos Baarnaabaasiin, «Deebineeti bakka dubbii Goofta'aa itti lallabne qachaa marattuu obboloota haa tooyannuu; attamitti akka jiran akka beennu» jedheen. Baarnaabaasillee Yohaannisiin Maarqoos jedhamu deebi'ee isaan woliin akka deemu yaade. Phaawuloos ammoo inni isaan woliin akka deemu hin hoffolchineen, isaan biraa Phinfiliya'atti fooyamee waan tureef, gara huji'ii isaan woliin hin dhufne. Kanaafuu Phaawuloosii fi Baarnaabaas wol dhabanii adda bayan. Baarnaabaas Maarqoosiin fudhatee markabaan gara Qophiroosii deeme. Phaawuloos ammoo Sillaasiin filate, obboleewwan badhaadha Rabbiitiif yaboo haga kennaan maayii hin baye. Woldaa kiristaanaa jajjabeessa'aa Sooriya'aa fi Kiliqiyaa keessa deddeeme. Phaawulos gara darbe'ee fi Lisxira'aa gaye. Achi mucaa intala Yihuudii amantee darasaa Ximootewoos jedhamu tokkotu jira. Abbaan isaa ammoo nama Giriikii ti. Waan isaa, obboleewwan Lisxiraanii fi Iqooniyoon jiran ragaa ta'aniif. Phaawuloos isa qabatee bayuu fedhe, Yihuudota hulee san jiraniif jedheeti qabee gadoomiseen. Akka abbaan isaa nama Giriikii ta'e waan beekaniif. Hennaa qachoota keessa deddeeman ergamoonninii fi manguddoonni Yerusaalemiin jiran seera muratan akka eegan isaanii kennan. Woldoonni Kiristaanaa amanta'aan jabaatan. Laakkofsi isaanii guyya guyya'aan eda'ama'aa ture. Isiya'attillee dubbii Rabbii akka hin dubbanne Ayyaanni Woyyuun waan isaan dhooggeef Firgiiya'aa fi biyya Galaatiya'aa keessa lufan. Hennaa Kolba Misiya'aatiin gayan gara Bitaaniya'aa deemu'uuf yaalan, Ayyaanni Yesuusii isaan hin hoffolchine. Cinaa misiya'aatiin lufanii gara Xiro'aadda'aa bu'an. Eebju'uun halkan Phaawuloositti mudhatee namni Maqedooniya'aa tokko gara Maqedooniya'aa ceeyiitii nuu gargaari jedha'aa dhaabatee isa kadhata'aa ture. Haga Eebjuu argeen maayii bakkumatti gara Maqedooniya'aa bu'uu barbaannee, Oduu Nagayaa akka lallabnuuf Rabbi waan nu waame waan nutti fakkaateef. Xiro'aadda'aallee kaanee qajeellee Samootraaqee dhandhe; bariisaa gara Naaphule'ee Markabaan deemne. Achiillee gara Filiphisiyuusii geenne; isin qachaa Maqedooniya'aa taatee ta qachaa gudditii aanaa jala jirtu qachaa tanatti hennaa garii qachaa tana turra. Guyya Sambataa balbala qachatti'ii saniin alatti bakki faate'ee tolu achi waan jiru waan nutti fakkaateef, gara cinaa lagaatiin baanee, teennee dubartoota wolgayaniitti dubbanne. Dubartoota nuu caqasa'aaran keessaa dubartiin qachaa Tiyaaxirooniitii dhufte; ta uffata diimaa haphii gurgurattu takkatu jira. Maqaan isi'ii Liidiyaa jedhama. Isiin dubartii Rabbiin kaddaamtu waan taateef dubbii Phaawuloos dubbatu akka caqaftuuf Gooftaan qalbii isi'ii bane. Isiinillee maatii mana isi'ii woliin haga cuuphamteen maayii Goofta'aatti akka amanu yoo feetan gara mana kiyyaa seena'aatii jiraadhaa'a jettee nu kadhate. Hennaa hulee faate'ee dhandhu dubartiin ayyaanni mortuu keessa jiru ta gooftota isi'iitiif mora'aa bu'aa guddaa fida'aa turte hojjattuun takka nu argitee, Isiin nu faanaa deema'aa, «Namoonni karaa fayyiinsaa isinitti himan kunniin garboota Waaqa ol'aana'aa ti!» jedha'aa iyya'aa turte. Waan kana guyyaa heddu goote. Phaawuloos ammoo rakkateeti uf duuba midhatee ayyaanni hamaan isii keessaa akka bayu, «Maqaa Yesuus Kiristoosiitiin si ajaja» jedhe; Yoma san isii keessaa baye. Gooftonni isi'ii abdii bu'aa ufii akka dhaban haga argan, Phaawuloosii fi Sillaasiin qabanii gara gabaya'aa harkisaniinii, bulchoota afo'otti dhiyeessaniin, «Namoonni kunniin Yihuudota ta'anii qachaa keenna guddisanii raasa'aaran. Nu namoota Rooma'aa waan taaneef, fudhannee akka goonuuf waan nuuf hin eeyyamamne dubbatan» jedhan. Baniinillee wol ta'anii isaanitti ka'an. Bulchoonni uffata isaanii irraa mulqanii ule'een akka isaan dhaanan ajajan. Guddisanii haga isaan tumaniin maayii gara mana hidha'aa isaan galchan; ka mana hidha'aa eegullee sirri'itti akka eegu ajajaniin. Innillee ajaja kana fudhatee gara mana hidhaa keessaatitti isaan galchee, luka isaanii guddeelcha jiddu'utti galchanii hidhan. Halkan qixxee ammoo Phaawuloosii fi Sillaasi Rabbiin kadhata'aati faaru'uun Rabbiin galatoonfata'aa turan. Worri hidhamanillee caqasa'aa turan. Dimmaa hundeen mana hiidha'aa haga raafamuutitti lafti sochoote. Hennama san balbali maruu banamee hidhaan nama maraa hiikkame. Ka mana hidha'aa eegu hiribaa dammaqee balbaltti mana hidha'aa banamtee hennaa arge, waan worri hidhaman jalaa badan itti fakkaatee, uf ajjeesu'uuf yaadee guraadee luqqifate. Phaawuloos ammoo laagaa gudda'an, «Nu maruu asuma jira uf irratti waan hamtuu hin godhin» jedhee itti lallabe. Ibsaa kadhatee gara keessaa ol fiigee hollata'aa Phaawuloosii fi Sillaasiin afo'otti kufe. Jara gara diidaa gad baasee, «Gooftota tiyya fayyu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Gooftaa Yesuus Kiristoositti amani atii fi maatiin mana keetiillee hin fayyitanii» jedhaniin. Isaa fi worra mana isaa jiran maraaf dubbii Rabbii isaanitti himan. Halkanuma san sa'aatii sanitti fuudheeti madaa isaanii miicee, hennama san inni maatii ufii maraa woliin cuuphame. Gara mana ufii isaan fidee hurbaata dhiyeesseef inni waan Rabbitti amaneef maatii ufii maraa woliin gammade. Haga lafti bariite bulchoonni, «Namoota sanniin hiikaa'a!» jedhanii garboota ufii ergan. Eeduun mana hidha'aa «Akka hiikkamtan bulchoonni nama erganiiru; eeganaa amma baya'aatii nagayaan deemaa'a» jedhee dubbii kana Phaawuloositti hime. Phaawuloos ammoo, «Nu namoota Rooma'aa taanee murtee malee banii afo'otti nu tumanii mana hidha'aatitti nu galchan. Amma dhossa'aan gad nu dhiisanii? Hin ta'u ufumaa dhufanii nu haa baasanii» isaaniin jedhe. Garboonni isaallee waan kana bulchootatti himan. Isaan namoota Rooma'aa ta'uu isaanii hennaa dhagayan, sodaataniitti dhufanii isaan kadhatan. Mana hidha'aatii isaan baasanii qachaa san keessaa akka bayan isaan kadhatan. Mana hidha'aatii bayanii gara mana Liidiya'aa seenan. Obboleewwanillee haga argan isaan jajjabeessanii achii deeman. Anfiiphoolii fi Aphooloniyaallee haga lufaniin maayii gara Tasolonqe'ee dhufan. Achi mana sagada Yihuudotaatitu jira. Phaawuloos akkuma barate gara isaanii seene haga Sambataa sadihiitiif isaan woliin kitaaba keessaa eera'aa hima'aa ture. Yoo hiikullee Kiristoosiin irra rakkinni akka gayu du'aa ka'uun isaaf akka ta'u, isaan hubachiisa'aa, «Yesuusiin ani isiniif lallabu kun inni Kiristoos» jedha'aa ture. Isaan keessaallee gariin hubatanii worri Rabbiin kaddaaman namoonni Giriikotaa dubartonni kabajjamoonnii heddu ta'an, Phaawuloosii fi Sillaasiin wol ta'an. Yihuudonni ammoo hinaafanii namoota hujii hiikan hammeeyyii fidaniiti baniillee wolitti qabanii qachaa booressan, gara bani'ii isaan dhiyeessuu fedhanii gara mana Iyyaasoonii dhaqan. Hennaa arguu dhaban Iyyaasoonii fi obboleewwan gari garii gara bulchoota qachaa ufii harkisanii, «Worri adunyaa booressan kunniin, garanallee dhufaniiran. Iyyaasoonillee mana ufiititti isaan fudhaateera; isaan maruu, ‹Mootiin biraa ka Yesuus jedhamu hin jira› jedha'aa ajaja Qeesarii morman» jedha'aa iyyan. Bani'ii fi bulchoonni qacha'aa hennaa waan kana dhagayan keessi isaanii booraye. Iyyaasoonii fi worra isaan woliin jiran wobii waamsisanii gad dhiisan. Yomasan obboleewwan Phaawuloosii fi Sillaasiin halkanniin gara Beeriya'aa isaan erganiin, hennaa achi gayanillee gara mana sagada Yihuudi'ii seenan. Kunniin worra Tasoloonqee jiran irraa caalaa worra yaada misha'aa waan ta'aniif, dubbiin kun akkana ta'innaa? jedha'aa guyya guyya'aan kitaaba qorata'aati dubbii Rabbii fedha guutu'uun fudhatan. Kanaafuu isaan keessaa Giriikonni hedduu, dubartoonni kabajjamoonii fi dhiira laakkofsaan heddu ta'antu amanan. Yihuudonni Tasolonqee jiran ammoo akka Phaawuloos Beeriya'atti akkasuma dubbii Rabbii lallabe hennaa beekan, garasillee dhufanii banii booreessan. Hennaa san obboleewwan yomasan Phaawuloosiin haga galaanaa akka deemu ergan. Sillaasii fi Xiimotewoosillee achitti hafan. Worri Phaawuloosiin geegessan ammoo haga Ateena'aa geessaniin. Haga isaanii danda'ameen dadafanii gara isaa akka dhaqan gara, «Sillaasiitii fi Ximootewoosii ajaja qabatanii deeban.» Phaawuloos Ateena'atti uduu isaan eega'aaru waaqoleen tolfamaan qachaa keessa ka baayi'ataniiran argee, aaree garaan gubate. Kanaafuu mana sagadaa Yihuudotaatii namoota Rabbiin kaddaaman woliin guyya guyya'aan worra gabayaa keessatti arge woliin dubbata'aa ture. Worra Efiqoroos ogeeyyota Istookoos worra jedhaman gari gariin isaan wol argan, gariin ammoo, «Kun qaaqilichi maal dubbatuu barbaada?» jedhan. Gariin waan Oduu Nagayaa du'aa ka'uu Yesuusii waan isaanitti lallabeef, «Waan waaqolee haarawaa waan dubbatu fakkaata» jedhan. Isa qabanii, «Barumsi haroofni ati dubbattu kun maal akka ta'e beekuu dandeennaa? Waan haarawa waan nutti himteef. Eeganaa wonti kun maal akka ta'e beekuu feena» jedhanii gara hulee Ariyoosfagoos jedhamuu fidaniin. Namoonni Ateena'aa maruu keessummoonni achi jiraatan, dubbii haarawa dubbachu'uu fi dhagayuu malee hujii biraa waan hin qabneef. Phaawuloos wolgeettii Ariyoosfaagoositti isaan jidduu dhaabatee akkana jedhe, «Namoota Ateena'aa isin waa maraanuu Waaqolee tolfamaa guddiftanii akka sodaattan hin arga'aara. Waan kaddaamtan laala'aa yoo deemu, barreeffama ‹Waaqa hin beekkamneef› jedhullee mi'a kennaa Rabbii itti dhiyeessan argeera. Eegasuu ka uduu hin argine kaddaamtan kana kunoo ani isinitti hima. Waaqa adunya'aa fi waan adunyaa keessa jiru maraa uume, inni Gooftaa ardi'ii fi sami'ii waan ta'eef, mana woyyuu ka harka namaatiin ijaarame keessa hin jiraatu. Inni jireennaa fi ayyaana waan maraa maraayyuu waan kennuuf, akka waan waa jalaa hanqatee, waan harki namaa hojjatetti hin fayyadamu. Isin keessaa worri weeddisuu beekan gari gariin akkasuma, ‹Nullee firoota isaati› jedhanii akkuma dubbatan, isaan jiraattota waan taaneef, hin sosochoona hin jiraannalle'e. Eeganaa nu firoota Rabbii yoo taane, ‹Waaqa fakii worqi'ii yookiin birrii yookiin dhagaa irraa yaada ogummaa namaatiin hojjatame fakkaata› jennee yaaduu nu hin barbaachisu. Eeganaa Rabbi ji'oota wollaalaan dabarse amma bakka marattuu aagii akka galan nama maraa ajaja. Inni haaganaa waan qabeeruuf guyyaa san harka nama qopheessee saniin adunyaa irratti qajeellumma'aan murteessu'uuf ta'a. Kanaafuu worra du'e keessaa isa kaasu'uun maraa mirkaneesseera» Hennaa waan worra du'aa ka'uu dhagayan, gariin isatti baldan, gariin ammoo «Waan kana hennaa biraa si irraa dhageenna» jedhaniin. Kanaaf Phaawuloos jidduu isaaniitii baye. Worri dhiiraa gariin wolii galanii amanan. Isaan keessaa akkasuma Diiyaanasoos abbaa seeraa ka mana murtii Ariyoosfaagoos jiru, dubartiin Damaaris jedhamtu takkaa fi kuuwanillee isaan woliin turan. Achiin maayii Phaawuloos Ateena'aa bayee gara Qorontoosii dhufe. Nama dhalootaan Phanxoos ta'e namicha Yihuudi'ii ka Aqilaa jedhamu tokko arge, inni hennaa hago'on dura haadha manaa ufii Phirsiqillaa woliin Ixaaliya'aa dhufee ture. Yihuudonni Roomaa keessaa akka bayan Qelaawudoowos waan ajajeef gara isaanii dhaqe. Hujiin isaanii waan tokko ta'eef isaan bira taa'ee isaan woliin hojjata'aa ture. Hujiin isaanii duukkaanaa hodhu'u. Sambata maraa dubbii Rabbii mana sagadaa Yihuudotaa keessatti hima'aa, namoota Yihuudotaatii fi Giriikotallee hubachiisa'aa ture. Sillaasii fi Ximotewoosillee Maqidooniya'aa hennaa dhufan, Phaawuloos ammoo, Yesuus Kiristoosiin akka ta'e Yihuudotatti hima'aa dubbii Rabbiitiin jabaata'aa ture. Haata'uu ammoo hennaa isa mormanii fi arrabsaniin uffata ufii hargufata'aa balleessaa keessaniif isintu gaafatama. «Ani qulqullu'u ammaa achi gara worra Yihuudota hin taanee deema» isaaniin jedhe. Achii bayee gara mana nama Rabbiin kaddaamuu ka Iyyoosxoos jedhamu senne. Manni isaallee mana sagada Yihuudotaa bira. Bulchaan mana sagada Yihuudotaa Qersiphoosillee maatii ufii maraa woliin Goofta'atti amane. Namoota Qorontoosii keessaallee hedduun haga dhagayan amananii cuuphaman. Gooftaan halkan manaabaan Phaawuloosiin, «Ani si woliin jira, eennullee si irratti hamaa godhu'uuf ka ka'u waan hin jirreef hin sodaatiin. Haata'uu ammoo dubbadhu hin cadhisiin qachaa kana keessaa banii hedduu waan qabuuf» jedheen. Jidduu isaanititti dubbii Rabbii isaan barsiisa'aa woggaa fi ji'a jaha taa'e. Hennaa Galyoosi biyya Akaayiyaatitti bulchaa ture, Yihuudonni yaada tokko ta'anii wolii galu'un Phaawuloosiin irratti ka'anii, gara dhaddacha mana murti'ii fidan. «Namni kun seera mormee akka Rabbiin kaddaaman namoota hawata» jedhaniin. Uduu Phaawuloos dubbatu'uuf ta'u Galiiliyoos Yihuudotaan akkana jedhe, «Wonti kun yaada hamaa yookiin dogoggora uduu ta'ee, himmaanaa keessan ani silaa obsaan isinii dhagaya. Waan dubbi'ii tiif, waan maqa'aatiif waan seeraa yoo ka mormitan ta'e isinuu uf eegaa'a; ani waan kana irratti murtessaa ta'u waan naa hin eeyyamamneef, isinummaan fixadhaa'a» isaaniin jedhe. Afoo murtii dhadachaatii isaan baase. Namoonni Giriikotaa maruu bulchaan mana sagada Yihuudotaa Sositeensiin qabanii, dhaddacha afo'otti tumaniin waan kanniiniif Gaaliyoos hajaa hin qabu ture. Achiin maayessa Phaawuloos guyyaa hedduu achi turee amantootatti nagaya dhaamatee markabaan gara Sooriya'aa deeme. Phaawuloos silata Rabbii galee waan jiruuf hulee Kinkira'oos jedhamtuti mataa ufii haadate. Phirisqilla'aa fi Aqilaanillee isa woliin turan. Hennaa Efesooniin gayan, isaan achitti dhiisee ufii ammoo gara mana sagada Yihuudotaa seenee, Yihuudota woliin dubbata'aa ture. Isaanillee hennaa dheeraa akka isaan bira taa'u hennaa kadhataniin, inni ammoo hin dide. Haata'uu ammoo hennaa nagaya isaanitti dhaamate, Ayyaana dhufu Yerusaalemitti dabarsuu na woyya. «Yoo Rabbi jedhe, gara keessanillee hin deebi'a» isaaniin jedhee, Efesoonii markabaan ka'e. Hennaa Qisaariyaa gaye, achii bayee wolda Kiristaanaa nagaya haga gaafateen maayessa gara Anxookiya'aa gadi bu'e. Guyyaa hagoo haga tureen maayessa, achii ka'ee biyya Galaatiya'aatii fi Firgiyaa keessa deema'aa darasoota maraa jajjabeesse. Namichi Yihuudi'ii ka gofti isaa Iskindiriya'aa, ka maqaan isaa Aphiloos jedhamu, ka dubbii beeku, gara Efesoonii gad bu'e. Inni beekkomsa kitaabaatiin jaba'a. Inni nama waan Goofta'aa barate, inni cuuphaa Yohaannis callaa waan beekuuf Ayyaana hinaaffa'aatiin guuttamee waan Yesuusii dubbata'aati midhaassee barsiisa'aa ture. Innillee mana sagadaa Yihuudotaa keessatti ifaan dubbatuu jalqabe. Phirisiqilla'aa fi Aqilaan hennaa dhagayan, fuudhanii waan Rabbii ka duranii caalaa midhaassanii ibsaniif. Innillee gara Akaayiyya'aa hennaa dhaquu barbaade obboleewwan akka isa jajjabeessaniif isa simatan, gara darasootaa xalayaa barreesaniif. Inni haga achi gaye worra badhaadha Ayyaana Rabbiitiin amananiif gargaarsa guddaa ta'e. Yesuus inni Kiristoosiin akka ta'e kitaaba keessaa ibsa'aa, Yihuudota maraa afo'otti jabeessee isaan hubachiisa'aa ture. Uduu Aphiloos Qorontoosiin jiru, Phaawuloos biyya gaaraa keessa lufee gara Efesoonii dhufe. Darasoota gari garii argee, «Isin hennaa amantan, Ayyaana woyyuu fudhattaniirtuu?» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Hin fudhanne; akka Ayyaanni Woyyuun jiru horomaa hin dhagenne» jedhaniin. «Eegasuu maali'iin cuuphamtan ree?» Isaaniin jedhe. Isaanillee, «Cuuphaa Yohaannisiitiin» jedhaniin. Phaawuloosillee, «Yohaannis Yesuus Kiristoosii isaan maayessa dhufutti akka amanan, bani'itti hima'aa, cuuphaa aagi'ii cuuphe» isaaniin jedhe. Hennaa waan kana dhagayan, maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphaman. Phaawuloosillee hennaa harka ufii isaan irra kaaye Ayyaanni Woyyuun isaan irra bu'e; laagaa haarawaa fi raagallee dubbatan. Isaan haga namoota kudha lamaa turan. Gara mana sagada Yihuudotaa seenee waan jeennata Rabbii dubbata'aa isaan hubachiisa'aa haga ji'a sadihii addaataa dubbata'aa ture. Isaan keessaa ammoo gari gariin banii afo'otti morkataniiti barumsa amantaa Kiristaanaa arrabsan. Kanaaf Phaawuloos isaan dhiisee, darasoota hojjatti baafatee guyya guyya'aan mana barumsa Xiraanoos jedhamu keessatti isaan barsiisa'aa ture. Worri Isiiyaa jiraatan maruu Yihuudonnillee namoonni Giriikiillee dubbii Goofta'aa haga woggaa lamaa barata'aa turan. Rabbillee harka Phaawuloosiititti baasa nama maalalchiisu godhe. Kanaafuu uffata isaa fuudhanii gara worra dhibamanii fidanii, worra dhibamaniin hennaa tuqan, isaanillee hin fayyan; ayyanni hamaanillee isaan keessaa baye. Yihuudota jinnii baasa'aa olii fi gadi deeman keessaa gariin, waan Phaawuloos lallabuun, «Maqaa Yesuusiitiin isin kakachiifina» jedha'aa worra ayyanni hamaan keessa jiru maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosii isaanitti waamuu badadan. Ijoolleen torban namicha Asiqewwaa jedhamuu ka bulchaa gadootaa Yihuudi'ii tokko waan kana godhu'uuf badada'aa turan. Ayyaanni hamaan ammoo deebisee, «Yesuusiin hin beeka; Phaawuloosiinillee hin beeka; isin hoo eennuu fa'a?» isaaniin jedhe. Namichi ayyanni hamaan keessa jiru isaanitti utaalee, isaan madeessee mooyate; isaanillee qulaa mana san keessaa bayanii dheessan. Kunillee Yihuudotaa fi Giriikota Efesooniin keessa jiraatan maraa biratti hin beekkame. Isaan martinuu hin sodaatan. Maqaan Gooftaa Yesuusiillee hin kabajjame. Worra amanan keessaa namoonni hedduu dhufanii, cubbuu isaanii ifa baasanii himata'aa turan. Worra asmaa kataban keessaa namoonni hedduu kitaabban wolitti qabanii nama maraa afo'otti guban. Gatiin isaa yoo bikkamu birrii kumaa shantamaa ta'e. Akka kanaan dubbii Goofta'aa hunnaan mooyata'aa guddata'aa ture. Haga wonti kun raawwatame, Phaawuloos achi gayee Roomaallee akkasuma arguu fedha jedhee, Maqidooniya'aa fi Akaayiyyaa keessa lufee gara Yeruusaalemii dhaqu'uuf murteeffate. Worra tajaajilan keessaa lamaan Ximotewoosii fi Erxoosiin gara Maqidooniya'aa ergee, ufii ammoo guyyaa hagoo Isiyaa keessa ture. Hennaa san waan karaa Goofta'aa kanaaf, lolli guddaan ka'e. Namichi meetii huju ka Dimexiroos jedhamu tokko fakii mana woyyuu waaqa tolfamaa Arxeemsii hojjata'aa waan worra sibiila baassan irraa bu'aa guddaa argata'aa tureef. Worra hujii kana fakkaatu hojjatan wolitti qabee akkana isaaniin jedhe, «Namoota nana! Bu'aan keenna hujii kanaan akka ta'e hin beettan. Waan kana Phaawuloos, fakiin harka namaatiin hojjatame waaqaa miti jedhee Efesooniin calla'atti uduu hin taane biyya hago'oon alatti Isiyaa marattuu banii heddutti himee akka isaan dogoggorse argitaniirtan; dhageettaniirtanille'e. Akka hujiin keenna tuffatamu callaa uduu hin taane, ta Isiiyaanii fi adunyaan marti kaddaamu, waaqa guddoo mana woyyuu ta Arxeemsii akka waan duwwa'aatitti haa laakkayamu'uuf guddinni isi'iillee diiggaminnaa sodaachisa.» Kana hennaa dhagayan aaranii, «Arxeemiisiin Efesoonii guddo'oo» jedha'aa iyyan. Yomasan qachaan maruu raafamte. Namoonni Maqidooniya'aa hiriyoota Phaawuloosii Gaayiyoosii fi Arsixirookoosiin isaan woliin butanii yaada tokko ta'anii gara hulee taphaa gad fiigan. Phaawuloosillee banii keessa seenuu barbaannaan darasoonni isa dhooggan. Bulchoota Isiya'aa keessaa goshoonni Phaawuloosii gariin nama gara isaa erganii, bakka taphaa akka hin dhandhe isa kadhatan. Yaa'iin asii achi jedha'aa iyya'aa wolitti bu'e. Garri caalaan isaanii ammoo waan achitti wol gayanifillee hin beenne. Yihuudonni namicha Iskindiroos jedhamu dhiibanii afoo bani'iititti baasan. Iskindiroosillee harkaan mudhisee, akka isaanii falmu godhan. Isaanillee akka inni nama Yihuudi'ii ta'e haga beekan martinuu laagaa tokkoon «Arxeemisiin Efesoonii guddo'o» jedha'aa haga sa'aatii lamaa wocan. «Qachaan Efesoonii Arxeemisii guddoo waaqa tolfamaa sami'ii bu'ee, mana isi'ii ta woyyumma'aa ta eeddu akka taate namni hin beenne eennu? Ka kana ganu yoo hin jiraanne, akka cadhiftaniif waan tokkollee ariiti'iin akka hin goone barbaachisa. Meeshaa mana woyyu'uu worri hin hanne namoota waaqoolee keenna hin arrabsine kanniin fidaniiran. Dimeexiroosii fi worri meetii bassan ka isa woliin jiran ammoo waan ittiin nama himattan yoo qabaattan, guyyaan murti'ii waan jiruuf, worri murtii kennullee waan jiruuf achitti wol haa falmanii. Yoo waan biraa barbaaddan ammoo yaa'ii gumi'iitiin hiikkama. Raafama adha ta'e kanaaf jedhanii akka nu hin himanne, waan sodaachiisuuf, waan sababaa hin qabneef, gumii tanaa deebii kennuu hin dandeennu» Kana jedhee, gumii gargar kaase. Wolitti bu'iinsi haga qabbanaayeen maayii; Phaawuloos darasoota waamsissee, isaan gorsee, nagaya itti dhaamee gara Maqidoniya'aa deemu'uuf baye. Biyya san keessa hennaa lufe, dubbii Rabbiitiin guddisee haga isaan gorseen maayii gara biyya Giriikii dhaqe. Ji'a sadihii achi taa'ee gara Sooriya'aa markabaan hennaa deemuu yaade, Yihuudonni waan seera itti muraniif Maqidoniyaa keessa lufee deebi'uuf kutate. Worri isa geegessan, Susiphaxiroosii Beeriya'aa, namoota Tasolonqee keessaa, Arsixirookoosii fi Sikonduus, Gaayiyyoosii fi Ximotewoosii Darbe'ee namoonni Isiya'aa Tikiqoosii fi Xirofmoosiin fa'a. Isaan sunniin nu afoo lufanii Xiro'aadda'atti nu eegan. Nu ammoo guyyaa ayyaana faasika'aatiin maayii Filiphisiyuusii markabaan kaanee, guyyaa shanitti gara Xiro'aadda'aa isaan bira geennee, guyyaa torbaa achi teenne. Guyyaa jalqaba torbaan duraa xoroshoo nyaachu'uuf uduu wolgeenneerru, Phaawuloos bariisaa deemu'uuf waan yaadeef, isaan woliin qaaqa'aa ture. Haga halkan qixxe'ee qaaqa dheeresse. Bakka wolgeennee turretti mana mana gubba'aa yookaan gamoo keessa ifa gudda'atu ture. Gurbaan ka'imaa ka Oyixikoos jedhamu tokko foddaa irra taa'ee hirribni waan qabeeniif muge. Hennaa Phaawuloos qaaqa dheeresse waan hirribni qabeenii tureef, mana mana gubba'aa yookaan gamoo sadaffa'aa irraa kufee du'ee reeffa kaasan. Phaawuloosillee gad bu'ee irratti kufee ammateenii «Lubbu'uun jiraa hin wocinaa'a» isaaniin jedhe. Bayee xoroshoo cabsee nyaatee haga bari'uuf isaan woliin qaaqa'aa haga tureen maayessa ka'ee deeme. Mucaanillee fayyinaan fudhatanii gara manaa geessanii guddisanii jajjabaatan. Nu ammoo Phaawuloosiin simmachuun waan nu barbaachisuuf firrifnee gara markabaa deemnee, gara Asoonii deemu'uuf kaane; inni lafoo deemuu waan yaadeef, akkana nuun jedhe. Asoonitti haga isa argine Siimannetti gara Milixiliinii dhufne. Bariisaa lamu'uu achii kaanee garba biraan afoo kiyyu'uutiin achi geenne; Bariisaa gara Saamoonii ceenee Tiroogilliyooniin bulle, bariisaa gara milixiinii dhufne. Phaawuloos Isiyaa keessa guddisee akka hin turreef, Efesooniin gadi dhiisu'uuf muratee waan jiruuf, yoo danda'ameef ayyaana shantamaffa'aa Yerusaalemiin keessa oolu'uuf ariifate. Milixiinii gara Efesoonii ergee, manguddoota woldaa kiristaanaa waamsise. Ammallee ani Ayyaana Woyyu'uuf ajajamee gara Yerusaalemii hin deema. Achittillee maaltu akka narra gayu hin beeku. Haata'uu ammoo Ayyaanni Woyyuun hidha'aa fi rakkinnatu si eeggata'aara jedhee qachaa marattuu naa raga'aara. Haata'uu ammoo fiigicha kiyyaaf tajaajila kiyya ka Gooftaa Yesuusiin irraa fudhadhe, innillee Oduu Nagayaa badhaadha Ayyaana Rabbii ragaa isaa haga raawwadhutti lubbuun tiyya na birratti akka hin ulfaanne akka waan duwwa'aatitti laakkaya. Ammallee kunoo ani jeennata Rabbii hima'aa wonti isin jidduu deddeebi'eef, isin maruu ammaa achi akka na hin argine hin beeka. Kanaafuu ani dhiiga nama maraa irraa qulqulluu akka ta'e guyyaa adhaa kanatti ragaa isinii baya. Gorsa Rabbii maraa isinitti himeera. Womaa isin jalaa hin hanbifanne. Isin uf eeggadhaa'a; woldaa Kiristaanaa ta Rabbi dhiiga ilma ufiitiin bitateellee tissee ta'aa'a. Hoolota Rabbii ta Rabbi akka eeddaniif Ayyaana Woyyu'uun isin muude maraa fi ufillee eegaa'a. Kanaafuu woggaa sadihii halkanii fi guyyaa imimmaaniin isin maraa gorsuu akka addaan hin kunne yaadata'aati jabaadhaa'a. Ammallee Rabbiif akka jabaatan woyyoota maraa jiddu'utti Rabbii ristii akka argatan godhuu danda'uuf dubbii badhaadhummaa isaatitti yaboo isin kenneera. Eennuun irraallee birrii yookiin worqii yookiin uffata hin hawwine. Harki kiyya kunniin waan barbaachisu anaa fi worra ana woliin jiraniif akka tajaajileen isinuu hin beettan. Akkanuma dadhaba'aati dhibamtoota akka gargaartan, inninuu ka fudhatu caalaa ka kennutu ka eebbifame akkuma jedhe, dubbii Gooftaa Yesuusii kana akka qaabattan waan barbaachisuuf maraa isinitti mudhiseera. Kana jedhee jilbiinfatee isaan maraa woliin faateffate. Martinuu guddisanii booyanii morma Phaawuloosiititti rarra'anii dhungata'aa turan. Keessaayuu ammaa achi fuula kiyya hin argitan waan jedheef, guddisanii gaddanii haga markabaa isaa geegessan. Isaan biraa fooyamnee kaanee qajeellee deemnee gara Qoosii, bariisaallee gara Ruudii achiillee gara Phaaxira'aa dhufne. Markaba gara Finiqe'ee ceeyu argannee, seennee achii kaane. Qophiroosiin bitaa keennatti dhiifnee gara Sooriya'aa deemne, achii gara Xiiroosii geenne; markabni fe'aa achitti waan buusuuf, Darasoota achitti arginee, guyyaa torbaa teenne. Isaanillee Phaawuloos gara Yerusaalemii akka hin baane Ayyaana Woyyu'uun kadhatan. Hennaan achi turru dhumannaan baane deemne. Isaan maruu haadha manaatii fi ijoollee ufii woliin haga qacha'aa baanuuf nuu geegessanii maddii galaanaatitti jilbiinfannee faateffanne. Nagaya wolitti dhaamannee markaba keessa seenne. Isaanillee gara mana ufii deebi'an. Nullee deemsa galaana irraa fixannee, Xiiroosii gara Pitoolemaasii geenne. Obboleewwan nagaya gaafannee guyyaa tokko isaan bira oolle. Bariisaa baanee gara Qisaariya'aa dhandhe. Torba keessaa mana nama tokkoo lallabaa Oduu Nagayaa ka Filiiphoosi jedhamuu seennee isa bira teenne. Inni ijoollee durbaa ka raaga dubbatan afur qaba. Guyyaa hedduu achi teenee uduu jirru, namichi raagu ka Agaaboos jedhamu tokko Yihuudi'ii gad dhufe. Gara keennallee dhufee, sabata Phaawuloosii fudhatee harkaa fi luka ufi hidhee, akkasuma Ayyaanni Woyyuun abbaan sabata kanaa Yihuudonni Yeruusaalemii akkanatti hidhanii harka worra Yihuudii hin taaneetitti dabarsanii kennaniin jedhaa'a jedhe. Hennaa kana dhageenne nu'uu fi worri achi jiranillee gara Yerusaalemii akka hin baane kadhanneen. Phaawuloos ammoo deebisee, «Booya'aati qalbii tiyya shukulsiisuun keessan maali'i? Ani waan Goofta'aatii fi waan maqaa Yesuusiitiif Yerusaalemitti du'u'uuf qophaayeera; hidhamuu caalla'aafii miti» jedhe. Hennaa inni gorsallee fudhachuu dide, fedhiin Rabbii haa ta'uu jennee cadhifne. Guyyaa kanaan maayessa qophoofnee gara Yerusaalemii baane. Darasoota Qisaariyaa jiraatan keessaa gariin ammoo nu woliin dhufan. Isaanillee gara hulee bulluu gara mana darasicha Qophiroosii Minaasoon jedhamuu nuun deeman. Haga gara Yerusaalem geenne, obboleewwan gammachu'uun nu simatan. Haga bari'e Phaawuloos gara mana Yaaqoobii seene. Manguddoonni maruu achi dhufan. Nagaya haga gaafateen maayii tajaajila Rabbi isaani jiddu'utti godhe worra Yihuudota hin taanetti tokko tokkoon isaanitti hime. Isaanillee hennaa dhagayan Rabbiin galatoonfatanii akkana isaan jedhan; Obboleessa keenna, Yihuudota jiddu'utti amananiiran ka laakkofsa hin qabne, meeqa akka ta'an arga'aartaa isaan maruu worra seeraaf hinaafan. Ijoolleen isaanii akka hin gadoomne seeraan akka hin jiraanne, Yihuudonni worra Yihuudota hin taane jidduu jiran maruu Muusee akka ganan akka waan ati barsiiftuu waan kee isaanitti himaniiran. Kanaafuu maal ta'inna? dhufa kee waan dhagayaniif namoonni hedduu wolgayuun isaanii hin hafu. Eegasuu ka nu siin jeennu kana godhi. Namoonni silata uf irraa qaban arfan nu bira jiran kanniin qabadhuu isaan woliin qulqullaayi. Rifeensa isaanii akka haadatan birrii keenniif; isaan maruu waan kee ka dhagayan duwwaa akka ta'e atillee akkasuma nama seera eega'aa jiraatu akka taate hin beekan. Worra Yihuudii hin taane ka amanan ammoo waaqoolee tolfama'aa fi waan ciincayu dhiigaa fi horii ufiin du'e irraa, seebaruu irraallee lubbuu isaanii akka deebisan uf eegan murteessinee isaanii barreessineerra. Hennaa san Phaawuloos namoota qabatee bariisaa isaan woliin qulqullaaya'aa guyyaa qulqullinna raawwatan beessisu'uuf gara mana qulqullinnaa seene. Guyyaa san waan isaan maraatiif ciincaa dhiyeessan. Guyyaan torba hennaa raawwatamu'uuf dhiyaate, Yihuudonni Isiyaa irraa dhufan, mana woyyuu keessatti isa arganii banii maraa booressa'aa, «Namoota Israa'elii, nu gargaaraa'a! Banii seeraaf hulee kanallee morma'aa, namni nama maraa hulee maratti barsiisu kana. Namoota Giriikotaallee akkasuma gara mana woyyu'uu seensisee hulee woyyuu kana batteesseera» jedha'aa harkaan dhaya'aa iyya'aa tumaniin. Xiroofimoos Efesooniin isaan woliin qacha'attii arganii waan Phaawuloos gara mana woyyu'uu isa seensise seeyan. Qachaan maruu booroftee baniin maruu wolgayee, Phaawuloosiin qabanii mana woyyu'uutii gara diidaa isa harkisan; yomasan balballi cufame. Hennaa isaan ajjeesu'uuf barbaadan, Yerusaalem guddiftee boorofteerti oduun jedhu gara nama loltuu kumaa ajajuu gaye. Innillee hennama san loltoota ajajaa dhibaa woliin qabatee fiiga'aa gara isaanii dhaqe, isaanillee hennaa ajajaa loltoota kumaa argan, Phaawuloosiin tumuu dhiisan. Hennaa san ajajaan loltuu kumaa itti dhufee qabee shiboo sibiilaa lamaan akka hidhamu ajajee, «Inni eennuun» akka ta'eef «Maal akka godhe» gaafate. Baniin gariin akkanaa fi akkasi jedhanii iyya'aa turan; hennaa woca isaaniitiin waan dhugaa ta'e beeku dadhabe gara ganda loltootaa akka isa fidan ajaje. Hennaa gara gandaa isa dhiyeessan Phaawuloos ajajaa loltuu kumaatiin, «Waan tokko akka sitti himu naa eeyyamtaa?» jedhe. Innillee, «Afaan Giriikii hin beettaa? jedheen. Ati kanaan dura worra lubbuu ajjeesan namoota kuma afurii shiftoota taasiftee gara gammoojji'ii ka baafte nama Misiriitii mii?» jedhe. Phaawuloos ammoo, «Ani Yihuudii nama Kiliqiiya'aa ka Xeeriseesiiti, nama qachaa beekkamtu keessa jiraatu; ummatatti akka dubbadhu akka na hoffolchitu» si kadhadha jedhe. Hennaa inni hoffolcheen Phaawuloos gooba irra dhaabatanii dubbatan irra dhaabatee, harkaan gara ummataa akeekee, haga ummanni cadhise afaan Ibiraayisxiitiin akkana jedhee dubbate. «Isin obboleewwanii fi abboonii amma yaada kiyya yoo isinii ibsu na dhagayaa'a!» Afaan Ibiraayisxiitiin hennaa inni dubbatu dhageennaan ka duraa caalaa cadhisan. Innillee akkana jedhe. «Ani nama gosa Yihuudi'ii qachaa Xarseesii ta Kiliqiyaa keessatti argamtuuti. Ka itti guddadhe ammo qachaa Yerusaalemii tanatti. Barsiisaan kiyyallee Gamaaliyaali; seera abbootaa midhaassee baradhee, akkuma isin adha gootan kana, Rabbiin Ayyaana isaatiin isaa hojjachu'uuf hinaafa'aa ture. Dhiiraa fi dubartootallee qabee dabarsee gara mana hidha'aa keenna'ati worra amantaa kana hordofan ajeessu'uuf ari'a'aa ture. Akkasuma bulchaan gadootaatii fi manguddoonni maruu ragaa naa bayan. Isaan irraallee akkasuma dhaamsa obboleewwanii fuudhee worra Damaasqoo jiranillee akkasuma hidhamanii akka adabaman gara Yerusaalemii fidu'uuf deema'aa ture. Hennaa Damaasqo'otti dhiyaadhe guyyaa wodhakkaa yoo ta'u, dimmaa sami'ii ifti guddaan naannoo kiyyatti ife. Hennaa san ani hin kufe, ‹Saa'ol, Saa'ol! maaf na ariita?› Laagaa jedhu dhagaye. Anillee deebisee, ‹Gooftaa kiyya! Ati eennu?› jedheen. Innillee, ‹Ani Yesuusii Naazireetii, ka ati ariitu san› naan jedhe. Worri na woliin jiran ifa arganii sodaatan, haata'uu ammoo isaan laagaa inni natti dubbatu hin dhageenne. ‹Gooftaa kiyya! Maal godhuu?› jedheen. ‹Ka'iitii, gara Damaasqo'oo deemiitii waan gootuu fi waan ajajame maraa achitti sitti himanii› naan jedhe. Achitti sababaa ifnii guddisee itti ifeef arguu dhabnaan namoonni na woliin jiran harka kiyya qabanii na masakka'aa gara Damaasqo'oo gaye. Namicha Yihuudonni achi jiraatan maruu ragaa bayaniif akka seeraatittillee faateffachu'uun jabaate ka Hanaaniyaa jedhamutu jira. Innillee gara kiyya dhufee na bira dhaabatee, ‹Obboleessa kiyya Saa'ol, ijji tee sii haa argitu!› naan jedhe. Anillee hennaa san isa arge. Innillee akkana naan jedhe, ‹Waaqa abbootaa fedha isaa akka beettuuf qajeellummaa akka argituuf afaan isaatii dubbii akka dhageettuuf, durumaa si filateera. Waan argitee fi dhageette nama maraa afo'otti ragaa taataaf. Amma maaf turta? dafii ka'iitii maqaa isaa waama'aa cuuphami, cubbuu keellee dhiqadhu.› «Gara Yerusaalemiillee haga deebi'een maayii mana woyyuu Rabbii keessatti uduu faateffadhu, ‹Daddaafii Yerusaalemii bayi waan kiyya yoo raddellee siraa hin fudhatan› hennaa naan jedhu manaabaan arge. Anillee ‹Gooftaa kiyya!, worra sitti amanan mana sagada Yihuudotaa maraa galchu'uuf tuma'aa akka ture isaanuu hin beekan. Worra lubbuun isaanii ciincooftee du'aniif dhiiga Isxifaanoosiin fa'a hennaa jissan, ani ammoo isaan bira dhaabadhee isaaniin wolii galee uffata worra isa ajjeesanii eega'aa ture jedhe. Innillee deemi ani gara worra Yihuudii hin taanee ka biyya fago'oo si erga› naan jedhe.» Haga sagalee kana maraa dhagaya'aa turan qoonqa isaanii ol qabatanii, «Nama akkanaa kana lafa irraa balleessi! Inni lubbu'uun hin jiraatin»! jedhan. Iyyanii uffata isaanii mulqatanii daddarbanii, daaraalee ol facaasan. Ajajaan loltoota kumaa gara gandaa akka galchan ajaje. Sababa maali'iitiif akkana akka iyyan beeku'uuf tuma'aa qoradhaa'a isaaniin jedhe. Teephaan duudhatanii Phaawuloosiin hennaa hidhan ajajaan loltuu dhibbaa ka isa bira dhaabateeruun, «Nama Rooma'aa, murtii malee akka tumtan isinii eeyyamameeraa?» jedheen. Ajajaan loltuu dhibbaallee hennaa dhagaye, gara ajajaa loltuu kumaa dhiyaatee, «Namni kun nama Rooma'aa waan ta'eef, waan godha'aartu irraa uf eegi» jedhee itti hime. Ajajaan loltuu kumaallee itti dhiyaatee, «Ati nama Rooma'aa tii? Natti himi» jedheen. Innillee, «Ee» jedheen. Ajajaan loltuu kumaallee deebisee, «Ani lammummaa kana, birrii hedduun argadhe» jedhe. Phaawuloos, «Ani ammoo isii keessatti dhaladhe» jedhe. Kanaaf worri isa qorachuu yaadan yoosuu isarraa siiqan. Ajajaan loltuu kumaallee akkasuma akka inni nama Rooma'aa ta'e hennaa beeke waan hiisiseeniif hin sodaate. Gaafa lamu'uu sababaa Yihuudonni himataniif maal akka ta'e dhugaa beekuu barbaadee hiikeenii bulchoota gadootaatii fi gumiin maruu akka wol gayan ajajee, Phaawuloosiin gad buusee afoo isaanii dhaabsise. Phaawuloos yaa'ii murti'ii guuttatee laalee, «Obboleewwan tiyya! Ani haga guyyaa adhaa sammuu misha'aan Rabbiin afoo jiraata'aara» jedhe. Hannaaniyaan bulchaa gadootaallee afaan keessa akka dhayan worra isa bira dhaabataniiran ajaje. Hennaa san Phaawuloos, «Ati bada ka mana nooraa adi'iin dibame fakkaatu! Rabbi si dhaya! Ati seeraan natti murteessu'uuf achi teetteerta, ufii ammoo seera malee, akka na dhayaniif ajajjaa?» jedheen. Worri Phaawuloosiin bira dhabataniiran ati gadicha hayyicha Rabbii arrabsitaa? jedhaniin. Phaawuloosillee, «Obboleewwan tiyya! Gadicha hayyicha akka ta'e waan hin benneef bulchaa ummataa irratti waan hamaa hin dubbatin jedhamee dubbii Rabbii keessatti barreeffameera» isaaniin jedhe. Phaawuloos ammoo gariin isaanii Saduuqoota gariin ammoo Fariisota ta'uu isaanii waan beekeef, «Obboleewwan tiyya, ani nama Fariisii Ilma Farisichaati; waan abdii worra du'anii ka'aniitiif natti murteessan» jedhee yaa'ii murti'ii keessatti iyye. Hennaa inni waan kana jedhe, Fariisotaa fi Saduqoota jiddu'utti lolli ka'e yaa'iin murti'iillee adda fooyame. Saduqoon, «Du'aa ka'iitiin, maleekkonni yookiin ayyaanillee hin jiru worra jedhan waan ta'aniif, Fariisonni ammoo lamaanuu hin amanan.» Guddisanii iyyan; worri gossa Fariisotaa barreessitoonni Seera Muuse'ee ka'aanii, «Nama kana irratti waan hamaa womaa hin argine! Ayyaanni yookiin maleekkaan itti dubbatee jiraatinnaa!» jedhanii wol morman. Hennaa lolli guddaan ka'e ajajaan loltuu kumaa Phaawuloosiin akka hin caccabsine sodaatee loltoonni bu'aanii jiddu'uu akka isa fuudhan gara ganda loltootaa akka galaaniin ajaje. Halkan lammaffa'aa Gooftaan maddii isa dhaabatee, «Phaawuloosii kiyya, Yerusaalemitti waan kiyyaaf akka ragaa baate, akkasuma Rooma'aattillee ragaa akka baatu hin barbaachisaa jabaadhu» jedheen. Hennaa lafti bari'e, Yihuudonni Phaawuloosiin haga isa ajjeesanitti akka hin nyaannee fi akka hin dhunne wolii kakatan. Namoonni seera woliigalte'ee kana godhan afurtamaa ol ta'an. Isaanillee gara bulchoota gadootaatii fi gara manguddootaa dhufanii, «Phaawuloosiin haga ajjeefnutti womaa akka hin tundhe wol abaarree wolii kakanneerra. Eegasuu isin amma gumii woliin tataniiti akka waan isa jabeessitanii qorattanii fakkadha'aatii akka gara keessan gad buusu ajajaa loltuu kumaatitti iyyadhaa'a. Nullee uduu hin dhiyaatin, ajjeesu'uuf qophoofneerra» isaaniin jedhan. Ilmi obboleettii Phaawuloosii ammoo, dhara isaanii hennaa dhagaye, dhufee gara ganda loltootaa seenee, Phaawuloositti hime. Phaawuloosillee ajajaa loltuu dhibbaa keessa tokko waamee, «Mucaa kana gara ajajaa loltuu kumaa geessi waan isatti himu qaba» jedheen. Innillee fuudhe gara ajajaa loltuu kumaa geesse, «Mucaan kun waan sitti himu waan qabuuf Phaawuloosii hidhameerutuu waamee gara kee akka fidu na kadhatee natti kenne» jedheen. Ajajaan loltuu kumaa harka qabee achiin siiqee, hojja isaatitti, «Waan natti himtuu qabdaa?» jedhee gaafateen. Innillee, «Yihuudonni, waan Phaawuloosii haga duraanii irra jabeessitee akka waan qoratuu fakkaattee, boru gara yaa'ii murti'ii akka baaftu, si kadhachu'uuf wolii galaniiran. Eegasuu ati maarre hin jedhin; haga isa ajjeesaniif akka hin nyaannee fi akka hin dhunne wolii kakataaniiranii, isaan keessaa namoonni afurtamaa olii dhara dhayanii, ammallee qophaayaanii deebii kee eeggata'aaran» jedheen. Ajajaan loltuu kumaa, «Waan kana natti himuu kee eennutillee hin himin» jedhee itti seeree mucaa geegesse. Ajajoota loltuu dhibbaa keessaa lamaan waamee, gara Qisaariya'aa akka deeman loltuu dhibba lamaa, worra faradoo torbatamaa fi loltuu dhibba lamaa worra eboo lolaa qaban, «Halkan keessa sa'aatii sadihiititti qopheessaa'a» isaaniin jedhe. Phaawuloosiin gara bulchaa biyya gara Filiksii nagayaan akka isa geessaniif farda yaabbisanillee akka qopheessan isaan ajaje. Xalayaa akkana jedhullee barreesse. «Qelaawudewoos Luusiyoosiin irraa bulchaa kabajjamaa Filiksiitiif nageenni siif haata'u. Nama kana Yihuudonni qabanii isa ajjeesu'uuf hennaa yaadan loltoota woliin dhaqqabee isa hambiseen; akka nama Rooma'aa ta'e waan beekeef. Sababaa himatameef beekuu yaadee, gara yaa'ii murti'ii baaseen. Waan seera isaanii mormeef akka isa himatan arge malee, waan ajjeechaa yookiin hidha'aaf isa geessuu miti. Nama kana Yihuudonni akka itti muratan hennaa natti himan yoma san gara kee erge himatootallee ammoo afoo keetitti akka himatan ajajeera» nagayaan taa'i. Loltoonillee akkuma ajajaman Phaawuloosiin qabanii halkanniin gara Antiphaaxirisii geessaniin. Bariisaa worri fardaa akka isa woliin deemu godhanii isaan gara gandaa deebi'an. Isaanillee gara Qisaariya'aa seenanii xalayaa bulchaa biyyatitti kennanii, Phaawuloosiin afoo isaa dhaabsisaniin. Haga dubbiseen maayii godina kamiin keessaa akka ta'e gaafateen; nama kiliqiya'aa ta'uu isaa haga beeke, «Worri si himatan yoo dhufan hennaa san si dhagaya» jedhee, dallawa Heroodisii keessatti akka isa eegan godhe. Guyyaa shaniin maayii gadichi hayyichi Hannaaniyaan mangudooninii fi beekaa seeraa ka Xarxaluus jedhamu tokko woliin gad dhufee, isaan waan Phaawuloosii bulchaa biyyaatitti iyyatan. Hennaa waamame Xarixaluus akkana jedhee isa himachuu jalqabe. Kabajjamaa Filiksi karaa keetiin nagaya guddaa waan argannuuf, banii kanaafillee yaada keetii fi dubbii keetiin biyya maraaf bakka marattillee wonti mishaan waan ta'uuf galata guutu'uun fudhanna. Haata'uu ammoo kana caalaa guddisee si hin tursiisu, hennama diqqoo gara-laafumma'aan akka nu dhageettu si kadhadha. Namni kun akka dhibe'ee ta'ee Yihuudota adunyaa irra jiran maraa booressa'aa, worra barumsa sobaa barsiisaniif gosa worra filatameetiif masakkaa ta'ee waan argineef. Hennaa mana woyyuu xureessu'uuf yaalu qabneen; [akka seera keennaatitti itti murteessuu yaannee turre. Haata'uu ammoo ajajaan loltuu kumaa Lusiiyoos dhufee, hunnaan nu harkaa fudhate. Worra isa himatanillee akka gara kee dhufan ajaje.] Atuu isa qorattee waan nu isa himannu maraa beekuu hin dandeetta. Yihuudonnillee ammoo wonti kun akkasuma jedhanii wolii galan. Hennaa bulchaan ijaan dhaye, Phaawuloos akkana jedhe. «Ati bara dheera'aaf banii kanaa ka murtii kennu akka taate waan beekuuf gammada'aati waan naan jedhan kanaa deebii deeffadha. Sagadu'uuf gara Yerusaalemii haga baye, guyyaa kudha lamaa akka ta'e atuu beekuu hin dandeetta. Nama tokkollee yookiin ummata wolitti qabee, mana woyyu'uutitti, mana sagada Yihuudotaatii fi qacha'aattillee na hin argine. Ammallee waan na himataniif sitti himuu hin danda'an. Haata'uu ammoo waan kana ragaa sii baya. Waan seera keessa jiru ka raattotaan barreeffame maraa amanee ka isaan barumsa ‹Dogoggoraati› jedhanii waaman maqaa Waaqa abboota kiyyaa kaddaama. Worri qajeelaanii fi ka qajeelaa hin taanellee du'aa akka ka'an akkuma isaan Rabbiin abdatan, anillee Rabbiin irraa abdii qaba. Kanaafuu ani ammoo Rabbii fi nama afo'otti hennaa maraa ka mudaa hin qabne sammuu qulqullaayaa akka qabaadhuuf jabaadha. Woggaa hedduun maayii banii kiyyaa kenna'aa fi ciincaa godhu'uuf dhufe. Kana godha'aa uduu jiru, baniinillee uduu wol hin geenne, uduu hin shibbiroofne, mana woyyuu keessatti uduu qulqullaaya'aaru na argan. Haata'uu ammoo Yihuudonni gariin waan na himataniin waan qabaniif Isiya'aa dhufaniiran. Filiksi ammoo karaa dubbii isaanii sirri'itti waan beekeef, ajajaan loltuu kumaa Luusiyoos hennaa gad dhufe dubbii teessan hin mura jedhee haagana'aan tursiise. Achiin maayeesa, inni ajajaa loltuu dhibbaa ka Phaawuloosiin eeguun, «Eedoo itti furi, worri firaallee hennaa waan isa barbaachisu fidaniif yookiin yoo gara isaa dhufan isa irraa hin dhooggin» jedhee ajaje. Guyyaa hago'oon maayessa Filiksi haadha manaa ufii ta Diruusillaa jedhamtu ta gosa Yihuudi'ii woliin dhufee, Phaawuloosiin waamsisee, waan Yesuus Kiristoositti amanu'uu waan Phaawuloos dubbatu dhagaye. Innillee waan qulqullinnaa, waan mataa ufii tooyatu'uu, waan murtii dhufu'uuf jiruu dubbata'aa uduu jiru, Filiksi sodaatee, «Amma deemi; hennaa naa tole ergee si waamsisaa» jedhee deebise. Filiksi Phaawuloosiin irraa birrii fudhatee, hennama san hiiku'uunii waan barbaadeef, hennaa hedduu isa waamsisa'aa qaassa'aanii ture. Woggaa lamaan maayii, Phorikiyoos Fisxoos bakka Filiksii bulchaa ta'e. Filiksillee Yihuudota gammachiisu'uuf jedhee, Phaawuloosiin hidhaa keessatti dhiise. Fisxoosillee gara godinaa seeneti guyyaa sadihiin maayii Qisaariya'aa gara Yeruusaalemii baye. Mangudoonni gadootaatii fi bulchoonni Yihuudotaa, Phaawuloosiin himatan. Isaan karaa irratti riphanii Phaawuloosiin ajjeesu'uuf waan malataniif, akka inni isaan gargaaree isa Yerusaalemitti ergu Fisxoosiin kadhatan. Fisxoos ammoo, «Phaawuloos Qisaariya'atti akka eeganiin, innillee akka dafee achii deemu deebisee isaanitti hime. Eegsuu yoo namni kun dhara qabaate isin keessaa worri baallii qaban ana woliin bu'anii, haa himataniinii» isaaniin jedhe. Isaan bira guyyaa saddeetii yookiin kudhan taa'ee gara Qisaariya'aa gad bu'e. Bariisaa dhaddacha murti'ii irra taa'ee, Phaawuloosiin akka fidan ajaje. Hennaa dhiyaatellee, worri Yerusaalemii gad bu'an, Yihuudonni marsaniinii dhaabatanii, waan ittiin injifachuu hin dandeenne himannaa gudda'aa fi ulfaataa irratti kaasan. Phaawuloosillee hennaa falmatu, «Seera Yihuudotaa, mana woyyu'uutii fi Qeesaariinillee yoo ta'e waan tokko hin yakkine» jedhe. Fisxoos ammoo Yihuudota gammachisuu barbaadee Phaawuloosiin, «Gara Yerusaalemii deemtee waan kanaaf afoo kiyyatti akka sii muramu feetaa?» jedhee deebiseef. Phaawuloos ammoo, «Ammumaa ani hulee murtee itti argadhu teesso murtee Qeesaarii afoo dhaabadheera. Akkuma attillee sirri'itti beettu, ani Yihuudota womaa hin yakkine. Eeganaa yakkee yookiin waan nama ajjeesisu godhee yoo jiraadhe, du'a jalaa ola hin jedhu. Yoo himannaan na himatan kun duwwaa ta'e ammoo, isaanitti dabarsee ka na kennuu danda'u eennullee hin jiru. Gara Qeesaarii iyyadheera» jedhe. Hennaa san Fisxoos worra isa gorsu woliin mari'atee, «Gara Qeesaarii ol'iyyatteertaa gara Qeesaarii deemta» jedhee deebiseef. Guyyaa hago'on maayessa mootichii Agriipha'aa fi Barniiqeen Fiisxoosiin nagaya gaafachu'uuf gara Qisaariya'aa gad bu'an. Guyyaa hedduu waan achi taa'aniif, Fisxoos waan Phaawuloosii mootichaatti akkana jedhee ibseef, «Namichi Filiksi hidhee gad dhiisee deeme tokko asi jira. Uduu ani Yeruusaleemiin jiru, bulchoota gadootaatii fi manguddoonni Yihuudotaa akka isatti murteessu kadhata'aa waan isaa natti himatan. Anillee, ‹Himatamaan afoo himattootaa uduu hin dhaabatin, waan itti himatameef deebii akka kennu carraa uduu hin argatin eennuunillee dabarsanii kennuun seera Rooma'aatii miti› jedhee isaanii deebise. Kanaaf hennaa asitti wol gayan ani uduu hin turiin gaafa lamu'uu dhaddacha murtee irra taa'ee akka nama san fidan ajaje. Worri isa himatullee hennaa dhaabatan, himannaa hamaa ani yaade woyiituu hin himanne. Haata'uu ammoo waan amantaa ufiitii fi waan Phaawuloos jiraata'a jedhu waan du'aa ka'uu Yesuusii irratti isaan wol morma'aa turan. Anillee dubbii tana attamitti akka qoradhu mamee gara Yerusaaleemii deemtee dubbii kana achitti falmaachuu barbaaddaa? jedheen. Phaawuloos ammoo Awugisxoos Qeesaar haga murteessutti akka eeggattu ol iyyannoo hennaa inni jedhe haga gara Qeesaarii erguuf akka eeggatu ajajeen.» Agriiphaanillee Fiisxoosiin, «Nama san ani deebi'ee dhagayuu hin barbaada» jedheen. Innillee, «Boru dhageettaan» jedheen. Bariisaa Agiirpha'aa fi Barniiqeen gaachena gudda'aan dhufanii, ajajaa loltuu kumaatii fi hangafoota qacha'aa woliin gara mana murte'ee seenan. Fiisxoos ajanyaan Phaawuloosiin fidan. Fiisxoosillee akkana jedhe, «Mootii Agriiphaa'a, isinillee namoonni nu woliin jirtan maruu, namichi isin argitan kun ammaa achi lubbu'uun jiraatuun isa hin barbachisu jedhaa'a, baniin Yihuudotaa maruu Yeruusaalemii fi asittillee natti iyyataniiran. Ani ammoo waan isa ajjeesiisaa akka godhee hin jirre hubadheera. Innillee gara Awugisxoos waan iyyateef isa erguu murteesse. Waan isaa gara gooftaa kiyya waan barreessu waan qabatamaa hin qabu. Kanaafuu haga qoratameen maayii waan barreessu akka argadhuuf, afoo keessanitti mootii Agriiphaa keessattuu afoo kee isa dhiyeesse. Hidhamaan yoo ergamu sababaa himatameef qulqulleessanii erguu dhabuun waan gowwummaa natti fakkaatuuf. Agriiphaanillee Phaawuloosiin, «Waan kee akka dubbattu sii hoffolchineerra» jedheen. Hennaa san Phaawuloos harka ufii hiixatee akkana jedhe. Duruma irraa jalqabee, banii kiyya jiddu'utti waan Yerusaalemitti ta'e, «Daa'imummaa kiyya irraa jalqabee jireenna jiraadhe Yihuudonni maruu hin beekan. Isaan naaf ragaa bayuu yoo barbaadan, akka worra jabeessanii amantii cimsanii, maraa caalaa seera eegu'uun worra jabaate keessaa nama gosa Faarisii ta'ee akka jiraadhe duri irraa jalqabanii na beekan. Ammallee Rabbiin biraa waan dubbii abdi'ii ka abboota keennaa kennameetiif falmatu'uuf dhaabadheera. Gara dubbii abdi qabeessa kanaa worri kenna kudha lamman, halkanii fi guyyaa jabaatanii kaddaama'aa akka bira gayaniif heddannoo qaban; mootii Agriiphaa, ani waan hedannoo kanaatiif Yihuudotaan himatame. Rabbi worra du'an akka kaasu, isin biratti maaf waan hin amanamne ta'ee laakkawama? «Anuu maqaa Yesuusii nama Naazireetii kana mormuun kiyya, waan guddaa godhuu na barbaachisu woyii waan godhe natti fakkaata'aa ture. Kanallee akkasuma Yerusaalemitti godhe. Bulchoota gadootaa irraa baallii fudhadhee, ani namoota woyyuu heddu isaanii hiisisee, hennaa ajjeesanillee, worra ajjeesuun wolii gale. Mana sagadaa marattuu hennaa hedduu akka isaan arrabsan namoota jajjabessa'aa ture. Guddisee hennaa isaaniin lolu, haga qacha'aan alaatii fi haga biyyaan alaa isaan ari'a'aa ture. «Waan kanaaf bulchoota gadootaa irraa ajajaa fi baallii fudhadhee gara Damaasqo'oo uduu deema'aaru, Mootii kiyya! karaa irratti, guyyaa wodhakkaa yoo ta'u naannoo kiyyaa fi naannoo worra na woliin deemaniitittillee ifti ifa adu'uutii ol ta'e samii irraa hennaa ifu arge. Nu maruu hennaa lafati gad kufne, ‹Saa'ol! Saa'ol! maaf na ariita? Arfii sibiilaa kana yoo mormite sitti jabaata› laagaa jedhu afaan Ibiraayisixiitiin hennaa natti dubbatu dhagaye. Anillee, ‹Gooftaa kiyya! Ati eennu?› jedheen. Innillee akkana naan jedhe, ‹Ani Yesuusii ati ariitu. Haata'uu ammoo ka'ii dhaabadhu, kanaafuu akka itti na argitee fi waan argite saniif tajaajila'aaf raga bayaa akka taatu si muudu'uuf jedhee waan sitti mudhadheef. Dhiifamsa cubbu'uutiif anatti amanu'uun worra qulqullaayan jiddu'utti ristii akka argataniif. Dukkanaa gara ifaa, baallii seexanaa keessaa gara Rabbii akka deebi'an ija isaanii akka bantuuf banii itti si ergu worra Yihuudota hin taane jalaallee si oolcha.› «Mootii Agriiphaa, ani waan manaaba sami'ii natti mudhate kana ani hin dinne. Haata'uu ammoo duraan dursee worra Damaasqoo jiran, Yeruusaalemittillee biyya Yihuudotaa maratti, worri Yihuudii hin taanellee akka aagii galaniif akka waan aagii galuun isaan barbaachisu irraa aagii galanii gara Rabbii deebi'aniif dubbadhe. Kanaafuu Yihuudonni mana woyyuu keessatti qabanii na ajjeessu'uuf yaalii godhan. Rabbiin biraa gargaarsa argadhee diqqa'aa fi gudda'aa raga'aa haga guyyaa adhaa dhaabadheera. Raattoninii fi Muuseen waan ta'uuf ta'u, ‹Kiristoosiin irra rakkinni akka gayu du'aa ka'iitii du'ootaa banii isaatiif ifa› worra Yihuudii hin taaneef jedhanii ka hennaa durii isaan himan san malee waan biraa wonti ani dubbadhe tokkollee hin jiru» jedhe. Akkana jedhee waan ufii yoo deebisuu, Fiisxoos laagaa gudda'aan, «Phaawuloos! ati maraatteertaa bee, guddiftee baratuun kee gara maraattumma'aa si deebisa'aaraa!» jedheen. Phaawuloos ammoo akkana jedhe, «Kabajjamaa Fiisxoos! Ani qalbii qaba waan dhuga'aa dubbadha malee hin maraanne. Mootiin ammoo waan ani isa afo'otti addaataa dubbadhe kana hin beeka. Waan kana keessaa wonti tokkollee akka jalaa hin dhokanne waan hubadheef kun waan dhossa'atti godhame waan hin taaneef. Mootii Agriiphaa! Raattota hin amantaa? Akka amantu hin beeka» jedhe. Agriiphaanillee Phaawuloosiin, «Akkuma salpha'atti Kiristaana na taasisuu barbaaddaa?» jedheen. Phaawuloosillee, «Hennaa diqqoo keessatti yookiin hennaa dheeraa keessatti si qofa uduu hin taane, worri adha na dhagayan maruu, hidhaa kiyya kana malee, akka kiyya akka ta'an Rabbiin isaanii kadhadha» jedheen. Mootiin bulchaan biyyaa Barniiqeenillee worri isaan woliin taa'aniiran maruu bakka jiranii ka'anii achi siiqanii, «Namni kun waan isa ajjeesisu dhiisa'aa waan isa hiisisuu tokkollee hin goone» jedha'aa woliin qaaqan. Agriiphaanillee Fiisxoosiin, «Namni kun bee, ‹Gara Qeesaarii uduu ol iyyachuu dhabaatee›, silaa hiikuu hin danda'ama» jedheen. Gara Ixaaliya'aa markaabaan akka deemnu haga murtaaye, Phaawuloosii fi worri hidhaa keessaa ka biraallee kutaa worraana Agusxoosii keessatti ajajaa loltuu dhibbaa Yuuliwoos ka jedhamutti dabarsanii isaan kennan. Markaba gara Adiraamixiisii daangaa Isiya'aatiin deemuuf ta'u keessa seennee achii kaane. Namichi Maqedooniya'aa Arixirokkoosiin Tasolonqe'eellee nu woliin ture. Bariisaa gara Siidoona'aa yoo geennu, Yuuliyoos Phaawuloosiif garaa laafee akka inni gara firoota ufii dhaqee waan isa barbaachisu akka isaa fidaniif hoffolcheen. Achii kaaneeti bubeen afoo keennaan waan turteef qophiroositti daadayannee deemne. Haga Galaana Kiliqiya'aa fi Phiinfiliyaa bira jiru haga ceeneen maayessa gara muraa Luuqiyaa keessa jiruu geenne. Ajajaan loltuu dhibbaa markaba Iskindiriya'aa dhuftee gara Ixaaliya'aa deemtu argeeti isii nu yaabbise. Guyyaa hedduu suuta jedha'aa deemnee rakkinnaan gara kolba Qeendoosii geenne. Bubbeen waan nu dhooggeef Qerxeesitti daadayannee kolba seelmuuna'aatiin deemne. Rakkinnaan qaccee irra lufnee gara qachaa michuu jedhamtuu ta qachaa Lalisiya'aatitti dhiyaattutti dhufne. Hennaa dheera'aan maayessa, hennaan soomaa amma waan lufeeruuf markabaan deemuun waan nama sodachiisuuf. Phaawuloos, «Namoota nana, deemsa kana keessa miidha'aa fi badiin guddaan akka ta'u arga'aara; badiinillee jireenna mataa keennaa qofa uduu hin ta'in, fe'a'aa fi markaba irratti jedhee isaan gorse. Ajajaan loltuu dhibbaa ammoo ka Phaawuloos dubbate caalaa ka markaba oofuuf abbaa markabaa amana. Buufata san irra turuun waan isaanii hin tolleef garri caalaan yoo isaanii danda'ame dhiya irraa mirgaa fi bita'atti gara galanii gara kolba finiqee jedhamtuutiin gara buufata qarxeesii gayanii achi turanii achii ka'u'uuf mari'atan. Qilleensi haphiin bita'aa hennaa bubbise akka yaada isaanii waan ta'e isaanitti fakkaatee, ka'anii qaccee Qeerxeesiitiin lufan. Haata'uu ammoo guddaa uduu hin turin danbaliin Awuraaqis jedhamu achitti markaba isaaniititti bu'e. Markabnillee fudhatamee bubbee injifatee deemuu waan hin dandeenneef, gadhiifnee oofamne. Hulee bisaaniin marfamte ta Qeedaa jedhamtutti daadayannee markabattii hunnaan tooyanne. Gara goobaa haga baasaniin maayii markaba haadaan hidhanii jabeessanii gara hulee xindhacha sirtiis jedhamtuu akka hin kufne sharaa buusanii qilleensaan oofaman. Bubbeenillee jabaatee nu dhiphifnaan bariisaa lamu'uu fe'aa irraa gara galaanaa darban. Guyyaa sadaffa'aa meeshaa markaba keessaa harka keennaan daddarbine. Guyyaa heddu adu'uu fi addeessa uduu hin argine hennaa bubbeen guddisee nutti jabaatu sirimaa abdiin hin hafna jedhu maruu nu keessaa dhumate. Uduu hin nyaatin guyyaa heddu haga turaniin maayii, Phaawuloos jidduu isaanii dhaabatee akkana jedhe, isin namoota nana uduu na dhageettaniirtan ta'ee, Qeerxeesii kaatanii rakkoon kun martii silaa isin irra hin gayu ture. Ammallee jabaadhaa'a jedhee isin gorsa. Markaba kana malee isin keessaa lubbuun tokkollee hin baddu. Halkan edaa Maleekkaan Waaqaa ka Waaqa ani ka isaa ta'ee fi ka ani kaddaamuu na bira dhaabatee, ‹Phaawuloos, hin sodaatin! Qeesaariin afoo hin dhaabatta. Rabbi kunoo namoota sii woliin deeman maraa sii keenneeraa› naan jedhe. Kanaafuu isin namoota kiyya jabaadhaa'a akkuma natti dubbate akkasuma akka ta'u Rabbiin waan amanuuf. Haata'uu ammoo gara lafa bisaaniin marfamtee gawuu nu barbaachisa. Halkan kudha arfaffa'aatitti galaana Adriiya'aatitti hennaa garanaa fi garasi oofamnu worri markaba oofan halkan qixxee gara lafa woyii waan dhiyaatan isaanitti fakkaate. Haada bikkanii yoo gad dhiisan akka hojjaa namaatiin diddama akka ta'e arganii, diqqoo turanii lammaffaa yoo darban hojjaa namaatiin kudha shan akka ta'e argan. Gara hulee dhagaa qabuu akka hin kufne sodaatanii markaba duubaan sibiila ulfaataa gad buusanii uduu guyyaa ta'ee jedhanii hawwan. Worri markaba oofan markaba keessaa dheessuu barbaadanii sibiila ulfaataa markaba afo'oon gad buusanii isarraan bidiruu gara galaanaa hennaa buusan, Phaawuloos ajajaa loltuu dhibbaatii fi loltootaan, «Kunniin markaba keessa yoo hin turre, isin hafuu hin dandeettan» isaaniin jedhe. Hennaa san loltoonni haada bidiru'uu muranii akka kuftu gad dhiisan. Hennaa lafti bari'e Phaawuloos akka hurbaata nyaatan isaan maraa kadhata'aa ture. Akkana isaaniin jedhe, uduu eeddan uduu hin nyaatin, qooqa haga teettan adhi guyyaa kudha arfaffa'a. Kanaafuu akka hurbaata nyaattan isin kadhadha, kunillee akka jiraattaniif isinii ta'a; isin keessaa rifeensi mataa nama tokkollee hin badu. Kana jedhee buddeenallee fuudhee isaan maraa afo'otti Rabbiin galatoonfatee kutatee nyaatuu jalqabe. Maruu jajjabaatanii ufumaa hurbaata fudhatanii nyaatan. Namoonni markaba keessa jiran, nama dhibba lamaa fi torbaatamii jaha. Haga nyaatanii quufaniin maayessa qamadii gara galaanaa darbanii markaba irraa salphifatan. Haga lafti barite huleen sun eessa akka taate hin beenne, Haata'uu ammoo lafa lolaan seenu ka xindhachaa arganii garas dhiibu'uuf kutatan. Sibiila ulfaataa sani hiikanii galaana keessatti gadi dhiisan; hennama san haada muka markabaa hiikanii sharaa diqqoo qilleensaaf ol bananii gara qacce'ee laalanii deemu jalqaban. Haata'uu ammoo bakka galaanni lamaa itti wolgayuutti kufanii markaba daangaa irra oofanii uf afo'oon lafa gad woraanee socho'uu dide; duubaan ammoo dhiibbaa danbali'iitiin caccabuu jalqabe. Loltoonni worra hidhaman keessaa tokkollee daakee akka isaan jalaa hin baane ajjeesu'uuf mari'atan. Ajajaan loltuu dhibbaa ammoo Phaawuloosiin hambisuu yaadee marii isaanii dhoogge. Worri daakkaa beekan ammoo markaba irraa gad uf dhiisa'aa, dursanii gara lafaa akka bayan, Worri hafan wodhakkaan saanqa'aan, gariin ammoo markaba cabeen akka bayan ajaje. Akkasumaan maruu nagayaan gara lafaa gayan. Nagayaan haga geenneen maayii hennaa lafti sun gooba bisaaniin marfamte ta Malaaxiyaa jedhamtu akka taate beenne, Aramaayoonni gooba san irra jiraatan waan mishaa maalalchiisaa nuu godhan. Rooba waan ta'eef qorraaf ibidda nuu bobeessanii nu maraa simatan. Phaawuloos ammoo bayee haashee wolitti qabee ibiddatti yoo kaayu, bofattiin takka oo'a ibiddaa uduu dheessitu, harka isaa iddite. Worri gooba bisaaniin marfamte san irra jiraatan Aramaawota jedhaman, hennaa bofti harka isaa irratti rarra'e arganii, «Namni kun dhugamaan nama guma'aati; garba keessaallee yoo nagayaan bayellee, murtii Rabbii jalaa bayee jiraatuu hin dandeenne» woliin jedhan. Inni ammoo bofa gara ibiddaa ufirraa gad hargufee, isiin ammoo isa hin miine. Isaanillee ammaa iitayee yookiin bakumattuu kufee du'a jedhanii eega'aa turan. Guddisanii eeganii isa irratti waan nama maalalchiisu womaa arguu haga dhaban, kun sirimaa, «Waaqa» jedhanii yaada ufii jijjiiran. Bakka san bulchaa Pupiiliyoos jedhamutu ture. Innillee keessummummaa nu simatee, guyyaa sadihii jaalalaan nu bulche. Abbaan Pupiiliyoosii haxaxxe'ee fi baasa'aan dhibamee ciiseera. Phaawuloos gara isaa seenee Rabbiin kadhateefii harka ufiillee isa irra kaayee jennaan namichillee fayye. Hennaa wonti kun ta'e, worri hafan akkasuma worri dhibee qabanillee gara gooba bisaaniin marfamte sanii dhufa'aa fayyan. Ulfinna gudda'aan nu kabajjanii hennaa kaanellee waan nu barbaachisu maraa markaba irra nuu kaayan. Ji'a sadihiin maayessa markaba Iskindiriya'aa ta gooba irra jirtuun kaane; markabattii irra malkata Diyoosqoroos jedhamu mataa irraa qaba. Hennaa gaafa Saraakusiin seenne guyyaa sadihii achi teenne. Achii jijjiirannee gara Reegiyumii geenne. Guyyaa tokkoon maayessa hennaa bubbeen bita'aa bubbifte guyyaa lammaffa'aa gara Putiyoluusii dhandhe. Achitti obboleewwan arginee isaan bira guyyaa torba akka teennu nu kadhatan, akkasuma gara Rooma'aallee dhandhe. Achittillee obboleewwan waan keenna dhagayan haga gabayaa Afiiyuusiitii fi haga hulee, «Bultii sadihii» jedhamuu nu simachu'uuf yaa'an. Phaawuloosillee hennaa isaan arge Rabbiin galatoonfate. Garaan isaallee hin jajjabaate. Hennaa gara Rooma'aa seenne, Phaawuloos loltuu isa eegu woliin hojja isaa akka taa'u eeyyamameef. Guyyaa sadihiin maayii Phaawuloos hangafoota Yihuudotaa gara ufii waamee, Hennaa isaan wol gayan akkana isaaniin jedhe, «Obboleewwan tiyya! Ani banii yookiin sirna abbootaa mormu'uun waan tokko uduu hin godhin Yerusaalemitti akka hidhametti harka worra Rooma'aatitti dabarsanii na kennan. Isaanillee na qoratanii sababaa na ajjeesisu waan narra hin jireef na hiiku'uuf yaadan. Yihuudonni ammoo hennaa na morman gara Qeesaarii akka iyyadhu giddii natti ta'e malee, waan banii kiyya himadhu waan qabuufii miti. Sababaa kanaaf isin argee, waan kana isinitti himu'uuf isin waame. Abdii Israa'elootaatiif shiboo sibiilaa kanaan hidhameera.» Isaanillee, «Nu Yihuudaa irraa waan kee xalayaa tokkollee hin arganne, obboleewwan keessaa tokkollee dhufee waan kee hamaa nutti hin himne, yookiin ka nutti dubbate hin jiru. Haata'uu ammoo waan worra kanaa hulee maratti akka morman nu biratti waan beekkameeruuf waan yaaddu sirraa dhagayuu feena» jedhaniin. Guyyaa qabaniifiiti heddu ta'anii gara mana inni keessa jiraatuu dhaqan. Waan jeennata Rabbii raga'aa, waan Yesuusillee, Seera Muuse'eetii fi raattotaa keessaa hima'aa hubachiisa'aa ganamaa haga galgalaa isaanii ibsa'aa ture. Gariin waan inni dubbatetti amanan; gariin ammoo hin amanne. Hennaa ufii wolii galuu dhaban Phaawuloos dubbii tokko haga dubbateen maayii hin lixan. Akkana jedhe, «Ayyaanni Woyyuun raatticha Isaayyaasiitiin abboota keennaan, ‹Gara banii kana dhaaqiitii akkana jedhiin: Dhagayuu inuma dhageettan, haata'uu ammoo hin hubattan: Argiitiillee ima argitan, ammoo hin guuttattan. Garaan banii kanaa jabaateera; Ija isaaniitiin akka hin argine, gurra isaaniitinillee akka hin dhageenne; Qalbii isaaniitiin akka hin hubanne, deebi'eellee akka isaan hin fayyifne, Gurri isaaniillee duudeera, ija ufiillee dunuunfataniiran› jedhee waan mishaa dubbate. Eeganaa, «Fayyummaan Rabbii kun worra Yihuudii hin taaneef akka ergame isin biratti haa beekkamuu. Isaanillee hin dhagayaniin.» [ Hennaa inni waan kana dubbate, Yihuudonni ufumaa guddisanii wol morma'aa deeman.] Phaawuloos mana kireeffate keessa woggaa lama guutuu taa'ee worra gara isaa dhufan maraa simate. Eennullee uduu isa hin dhooggine jeennata Rabbii hima'aa waan Gooftaa Yesuus Kiristoosii haalaan ibsee barsiisa'aa ture. Isaa fi maqaa isaatiif worra Yihuudota hin taane maraa jiddu'utti akka ajajamuun amanti'iin ta'e argamu, badhaadhuma'aa fi ergamummaa fudhanne. Isaan jiddu'uu akkasuma worri ka Yesuus Kiristoosii ta'u'uuf waamamtan isin fa'a. Worra Rabbiin jaalatamtan, woyyoota ta'u'uuf worri waamamtanii fi worri Roomaa keessa jirtan maruu, abbaa keenna Rabbii fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin biraa badhaadhaa fi nageenni isiniif haata'u. Amantaan keessan adunyaa maraa irratti waan dhagayameef, firrisee waan keessan maraafuu Rabbii kiyya karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin galateefadha. Akka isin jabaataniif kennaa Ayyaanaa isinii qoodu'uuf isin arguu hawwa. Kana jechuun kiyya amantaa jidduu tiyyaa fi teessan jirtuun isin woliin akka wol jajabeesinuuf. Obboleewwan tiyya akkuma worra Yihuudota hin taane biratti ta'e isin birattillee daraaraa akka argadhuuf hennaa heddu gara keessan dhufu'uuf akka yaade; haga ammaa ammoo dhooggamuu kiyya akka naa beetan barbaada. Namoota Giriikii, ka hin baranneef, Ogeeyyi'ii fi worra hin hubanneef yabootu narra jira. Isin worra Roomaa jirtaniif Oduu Nagayaa himu'uuf qophaayera. Kanaafuu haga naa danda'ameen worra Roomaa jirtaniifillee ammoo Oduu Nagayaa himu'uuf qophaayeera. Oduu Nagayaatiin hin saalfadhu. Dura worra Yihuudiitiif akkasuma nama Giriikiitii fi worra amanu maraafuu hunni Rabbii fayyinsaaf waan ta'eef. «Qajeelaan amanta'aan jiraata» jedhamee akkuma barreeffame qajeellumaan Rabbii amantaa irraa gara amanta'aa isaan waan mudhatuuf. Namoota dhugaa badoomaan dhooggan badooma isaanii maraa irratti lolli Rabbii sami'ii cubbuu isaanii irratti bu'a. Rabbi waan isaanitti mudhiseef waan Rabbii beekuu danda'uun isaan birratti addaataa waan ta'eef. Nu ogeeyyi'i uduu ufiin jedhan, jaanjoo ta'an. Ulfinna Rabbii ka hin banne, nama du'uuf, bifa simbirraaniitiin, waan luka afur qaban, uumama lafa irra deemanitti fakkeessanii jijjiiran. Kanaafuu nafa isaaniitiin akka wol shingeessaniif Rabbi qalbii isaanii keessatti fedha batummaa fooniitiif dabarsee isaan kenne. Kunillee dhugaa Rabbii sobaan waan jijjiiraniif, uumma dhiisanii uumama waan kaddaamanii tajaajilaniif, innillee bara baraan ka eebbifame! Amiin. Kanaafuu Rabbi hawwii shinga'aatiif dabarsee isaan kenne. Dubartoonni isaanii amala isaaniitii fi hujjii ta'u waan amala isaaniitiif hin taaneen jijjiiran. Akkasuma worri dhiiraa amala isaaniif ta'u dubartoota bira gayuu dhiisanii fedhii foon ufiitiin gubatan. Dhiirti dhiira woliin shingaa raawwatan, waan badaa kanaa waan godhaniif adabbii isaaniif ta'u uf irratti fidan. Haguma Rabbiin beekuu jibaniin Rabbi waan hin taane akka godhan samuu faayyidaa hin qabneef dabarsee isaan kenne. Hammeenna, luquna, dhara maraan guuttaman; hinaaffaa, lubbuu ajjeesuu, mormii, amala dharaatii fi hammeennaan guuttaman. Worra hasaasanii fi hamatan, worra Waaqa jiban, worra nama arrabsan, worra boonanii fi uf jajan, karaa baduma'aa worra wolitti soqanii fi worra maatii isaaniitiif hin ajajamne. Worra hin hubanne, worra woliigaltee diigan, worra jaalala hin qabnee fi worra araara hin qabne. «Worra kana godhan irratti seera Rabbii ka du'aatitu isaaniif ta'a» ka jedhu beeka'a, worra waan kanniin godhu callaa uduu hin taane, worra waan kana godhanillee, «Wolii galan.» Kanaafuu ati namni nama biraatitti murteessitu maruu waan itti sababatu hin qabdu. Ka biraa irratti wonta murteesitu sanniin uf irrattillee waan murtessituuf ati murteessaan woma san waan gootuuf. Worra akkana godhan maraa irratti murteen Rabbii dhugaa ta'uu isaa hin beena. Ati nama worra kana godhuti ka murteesitu sanuma waan gootuuf, murtee Rabbii jalaa waan baatu sitti fakkaataa? Moo arjumaan Rabbii gara aagii akka si masakku uduu hin beenne, arjumaa isaatii fi waa danda'uu durummaa obsa isaa tuffataa? Moo gar jabuma'aa fi qalbii aagii hin galle, murtiin Rabbii qajeelaan hennaa mudhatu gaafa guyyaa lola Rabbiitiif uf irratti kuufata. Inni maraafuu akkuma hujii isaatiin kennaaf. Worra hujii mishaa irra dhaabatanii galataa fi ulfinna, jireenna hin banne worra barbaadaniif jireenna bara baraa isaanii kenna. Worra nama didanii bu'aa ufii soqaniif hammeeyyii ta'anii waan mishaa dhiisanii fi hammeenna duukaa worra deeman lola Rabbiitii fi bala'atu isaan irra gaya. Lubbuun nama waan hamaa hojjatuu maraa irratti rakkinnaa fi dhiphinnatu dhufa. Dura nama Yihuudi'iiti, akkasuma nama Giriikiiti. Haata'uu ammoo hujii mishaa worra hojjatu maraaf galataa fi ulfinni nageenillee isaanii ta'a. Duraan nama Yihuudi'iitiif akkasuma ammoo nama Giriikiitiif. Rabbi waan nama wol hin caalfanneef. Seeraan ala cubbuu worri hojjatan maruu akkasuma seeraan ala waan badaniif. Seera uduu qaban worri cubbuu hojjatan maruu seeraan isaanitti murteeffama. Rabbiin afo'otti worra seera raawwatantu qajeellota ta'an malee, worri seera dhagayan waan qajeellota hin taaneef. Worra Yihuudota hin taane ka seera hin qabne, amala ufiitiin waan seera uumamaa yoo godhan isaan yoo seerallee hin qabaanne, ufumaa seera ufii waan qabaniif, Isaanillee yaanni sammuu isaanii ragaa waan isaanii bayuuf, yaanii mataa isaanii ufumaa yoo wolitti sababatu hujii seeraa ka garaa isaanii keessatti barreeffame mudhisan. Kunillee Rabbi karaa Yesuus Kiristoosiitiin akka ani Oduu Nagayaa barsiise guyyaa gaafa Rabbi waan nama biratti dhokatetti murteessu ta'a. Ati ammoo, «Yihuudi'i» jedhamte'eef yoo seeratti irkatte, Rabbiin yoo boontee, fedha isaallee yoo beette, Seera irraallee barattee, yoo mishaa beettee qortee jaalatte, Eegasuu ati ka nama biraa barsiiftu uf hin barsiiftuu? «Hin hatin!» jettee ka himtu, hin hattaa? Ati ka namootaan hin seebariin jettu hin seebartaa? Ati ka waaqolee tolfamaa shakkitu mana woyyuu hin saamtaa? Ati ka seeraan dhaadattu, seera irra darbu'uun Rabbiin saalfachiiftaa? Sababaa keessaniif maqaan Rabbii worra Yihuudii hin taane jiddu'utti hin arrabsama jedhamee akkuma barreefame, Uduu seera raawwatee, gadoomuun fayyidaa qaba. Yoo ka seera diiddu ta'e ammoo gadoomuun kee akka waan hin gadoomnee ta'eera. Eegasuu namni hin gadoomin sirna seeraa yoo eege gadoomuu dhabuun akka waan gadoomeetitti hin laakkayamuufi? Uumamaan ka hin gadoomin namni seera raawwatu akka seera kitaabaatitti gadoomuu uduu si barbaachisu, diiguun seerri sitti murteessa. Ka maqamaaf Yihuudii ta'e, Yihuudii waan hin taaneef, addaataa gadoomuun fooniin ta'e, gadoomuu waan hin taaneef. Haata'uu ammoo ka dhossa'aan Yihuudii ta'e Yihuudi'i. Gadoomuun Ayyaana Rabbiitiin ta'u, gadoomuu qalbi'iiti malee, ka kitaaba seeraatii miti. Galanni isaallee Rabbiin irraa malee, nama irraa miti. Eegasuu Yihuudii ta'uun maali'i? Yookiin gadoomuun faayyidaa maal qaba? Kanaafuu Yihuudii ta'uun bu'aa heddu qaba. Waa maraa dura jechi Rabbii yaboo isaanitti kenname. Eegasuu maali'i ree? Worri hin amanne yoo jiraatan amanuu dhabuun isaanii amanamummaa Rabbii hanbisaa? Sirimaa hin hanbisu. «Ati dubbii keetiin qajeelaa akka taatu, mana murti'iillee hennaa seente akka injifattu» jedhamee akkuma barreeffame, namni martinuu kijibaa yoo ta'e, Rabbi ka dhuga'aa haa ta'u. Haata'uu ammo hammeenni keenna qajeellummaa Rabbii yoo ka mudhisu ta'e, maal jennaa ree? Rabbi waan cubbuu keennaatiif yoo nu adabe, murteessaa dhuga'aatii miti jechu'uu? Ani akka yaada namaatiin dubbadha. Akkasuu hin ta'in, yoo akkas ta'e Rabbi adunya'aatti attamitti murteessaa? Kijiba kiyyaan ammoo dhugaan Rabbii ulfinna isaatiif yoo caale, maaf akkasuma haga ammaa akka cubbamaatitti natti murteeffama ree? «Maali'iif akka wonti mishaan dhufu hamaa hin hojjanne ree?» akkanumaan nu arrabsan. Gariin akkanumaan akka waan jennuu waan dubbataniif murtiin isaanii qajeela'a. Eegasuu maal haata'u? Nu isaan tarraa? Horomaa hin ta'u Yihuudiillee namoonni Giriikiillee maruu cubbuu jala akka ta'an dursinee waan isaan himaneerruuf. Akkana jedhamee akkuma barreeffame, «Namni qajeelaan tokkollee hin jiru, ka hubatullee hin jiru; ka Rabbiin soqullee hin jiru. Maruu dogoggoraniiran martinuu worra bu'aa hin qabne ta'aniiran; Ka arjoomu tokkollee hin jiru; dubbii nama miidhu dubbatu'uuf, afaan isaanii akka awwaala banameeti; arraba ufiitiin hin soban; hidhii isaanii jala hadhaa bofaatituu jira; Afaan isaanii keessa abaarsaa fi hadha'atu guuteera. Lutti isaanii dhiiga jissu'uuf ariifatti. Bakka isaan dhaqan maraa badi'ii fi rakkoo hama'atu jira. Afaan maruu akka cufamu adunyaan martuu murtii Rabbii jala akka taatu wonti seerri dubbatu maruu, worra seera jala jiraniif akka dubbatu hin beenna. Kunillee hujii seeraa hojjachu'uun, ka foon uffate maruu isa afo'otti waan qajeelaa hin taaneef cubbuunillee seeraan waan beekkamuuf. Amma ammoo ka seeraa fi rattonni ragaa bayaniif qajeellummaan Rabbii seeraan ala mudhateera. Innillee ka worra itti amanan maraa qajeellummaa Rabbii ka Yesuus Kiristoosiititti amanu'uun argamu. Garaa garummaan hin jiru, maruu cubbuu waan hujaniiraniif ulfinni Rabbii isaan irraa dhidhateera. Isaan badhaadha karaa Yesuus Kiristoosiitiin ta'een akkanumaan kennaa isaatiin qajeellota ta'an. Isallee Rabbi dhiifamsa cubbu'uu karaa amantaa dhiiga isaatiin argamuun godhee dhaabeen, kunnillee Rabbi cubbuu dura hojjatame dandeetii Rabbiitiin dhiifama qajeellummaa ufii mudhisu'uuf kana godhe. Innillee qajeelaa akka ta'u ka Yesuusiti amanullee qajeelaa akka taasiisuuf bara kanallee qajeellummaa akka mudhiisuuf. Eegasuu boonuun kee meeti ree? Inni hafeera; Seera kamiin? Seera huji'iitiinii? Miti seera amanta'aatiin malee. Namni seera hujji'iitiin malee, amanta'aan akka waan qajeellumma'aatitti waan laakkoofnuuf, Eegasuu seera amanta'aa diinnaa ree? Miti. Seera jabeessinee qabanna malee. Eegasuu Abrahaamiin fooniin abbaa keenna ta'e maal argate jenna? Abrahaam huji'iin uduu qajeelaa ta'ee, waan ittiin dhaadatu qaba. Haata'uu ammoo Rabbiin biraa miti. Kitaabni maal jedha? «Abrahaamillee Rabbitti amanee, akka nama qajeela'aatitti isaa laakkayame» Namni tokko hujii yoo hojjate mindaan isaa akka gati'iititti malee, akka badhaadhaatitti hin laakkayamuuf. Haata'uu ammoo nama hin hojjanneefi nama cubbamaa qajeelchutti amanu, amantaan isaa akka nama qajeela'aatitti isaa laakkayama. Namni Rabbi uduu inni hujii mishaa hin hojjatin qajeelaa taasisuun sun ka eebbifame akka ta'e Daawiti akkana jedhee dubbate, «Worri yakki isaanii dhiifameef worri cubbuun isaaniillee haqameef worra eebbifame! Namni Gooftaan cubbuu isaa itti hin laakkoofne ka eebbifame!» Eegasuu eebbi kun waan gadoomu'uu dubbate? Moo waan gadoomuu dhabu'uuti? «Amantaan Abrahaamiif qajeellummaa ta'ee laakkawwameera» waan jennuuf. Attamitti laakkawwameef? Haga gadoomee asi moo? Yookiin uduu hin gadoomneen dura? Haga gadoomee miti uduu hin gadoominiin dura malee. Amantaa uduu hin gadoomneen dura qabuun chaapaa woyyumma'aa malkata gadoomu'uu argate, kunillee akkasuma isaan woyyoota ta'anii akka laakkayamaniif worra uduu hin gadoomne amanan maraafuu abbaa akka ta'uuf. Worra gadoomaniif abbaa akka ta'u, akkasuma worra gadooman calla'aafii miti, Haata'uu ammoo abbaan keenna Abrahaam uduu hin gadoomin amantaa soquun isaaf qofa uduu hin ta'in worra duukaa bu'aniifille'e. Inni ka ardii tana dhaalu akka ta'u Abrahamii fi fiixaa isaatii dubbii abdi'ii ka kenname qajeellummaa amanta'aatti malee, seeraanii miti. Worri seeraan jiraatan yoo ka dhaalan ta'e amantaan duwwaa ta'eera, abdiin dubbi'iillee diiggameera. Seerri waan balaa fida; Haata'uu ammoo, hulee seerri hin jireeti, cubbuu hujuun hin jiru. Fiixaan keellee akkanuma ta'u'uuf ta'a akkuma jedhame, haga abdiin ta'uu dhabellee, abbaa worra Yihuudii hin taanee maraa ta'u'uuf «Abdii qabatee amane» Inni waan jaarsa woggaa dhibbaa ta'eef, qaama isaa ka akka waan du'ee ta'eef hormaanni Saaraa akka du'e haga arge, amanta'aan uduu hin dadhabne, Kanaafuu akka qajeellumma'aatitti laakkawwameef. Haata'uu ammoo laakkayameeraaf dubbiin jedhu waan isaa calla'aaf ka barreeffamee miti. Eegasuu amanta'aan yoo qajeellota taane, karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiin woliin nagaya haa qabaannuu. Nullee akkasuma isaan gara badhaadha kanaa amanta'aan galuu arganneerra. Kanaaf nullee abdii ulfinna Rabbiitiin boonna. Ayyaana Woyyuu nuu kennameen jaalali Rabbii waan qalbii kenna keessatti guuteef abdiin kun nu hin saalfachiisu. Uduu nu dadhabdoota taaneerru, hennaa barri gaye Kiristoos cubbamtootaaf du'eera. Waan nama qajeela'aatiif ka du'u arguun guddaa rakkisa. Nama arja'aaf ka du'uu uggu maal laataa hin argama ta'a. Haata'uu ammo uduma nu cubbamoota taaneerru Kiristoos waan keennaaf waan du'eeruuf; kun jaalala Rabbi nuuf qabu mudhisa. Eega dhiiga isaatiin qajeellota taane, karaa isaatiin lola Rabbii jalaa hin baana. Nu uduu diintota Rabbii taaneerru, du'a Ilma ufiitiin Rabbiin wolitti yoo araaramne, caala'atti ammo haga araaramneen maayii jireenna isaatiin hin fayyina. Kana calla'aa miti, haata'uu ammoo araara amma argane karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiinillee uf janya. Sababaa kanaaf cubbuun karaa nama tokkootiin gara ardii tanaa dhufte. Cubbuunii fi duutillee akkasuma maruu cubbuu waan hojjataniif cubbuun nama maraa irra geette. Seerri uduu hin dhufneen duratti, cubbuun biyya lafaa irra waan jirtuuf. Haata'uu ammoo hennaa seerri hin jirree cubbuun hin laakkayamu. Haata'uu ammoo fakkeenna cubbuu Aadam hojjateetiif worra cubbuu hin hojjanne irrattuu, Aadamiin irraa jalaqabee haga Muuse'eetitti duuti moote. Aadam ka dhufu'uuf ta'u saniif fakkeenna waan ta'eef. Haata'uu ammoo kennaan isaa haga yakka namaatii miti, sababaa cubbuu nama tokkootiif namoonni hedduu waan du'aniiraniif, Haata'uu ammoo badhaadhummaa Rabbiitiif kennaan badhaadhumma'aa ka Yesuus Kiristoosii ka nama tokkoof ta'e sanniin caalaa namoota hedduuf baay'ateera. Kennaan haga cubbuu namni tokko hojjateetiinii miti. Murtiin nama tokko irraa cubbu'uuf waan dhufeeruuf kennaan ammo namoota hedduu qajeelaa taasisu'uuf dhufe. Duuti sababaa cubbuu nama tokkootiin moote; kana caalaa kennaa badhaadhinnaa worri argatan karaa Yesuus Kiristoosiitiin mooyanii jiraatan. Eegasuu sababa cubbuun murti'iin gara nama maraatuu dhufte; akkasuma sababaa qajeellummaa nama tokkootiin kennaan jireenna namaa qajeelchu gara nama maraa dhufe. Ajajamuu dhabuu nama tokkootiin hedduun isaanii cubbamoota akkuma ta'an, akkasuma ammo ajajama nama tokkootiin hedduun isaanii qajeellota ta'an. Eegasuu maal jenna ree? Badhaadhumaan Rabbii akka baay'atu cubbuu keessa haa jiraanuu? Waa hin ta'u; nu worri cubbuu jalaa duune, ammaa achi attamitti cubbuu jala jiraanna ree? Mo'o Kiristoos Yesuusiin woliin tokko akka taanu nu worri cuuphamne maruu, du'a isaa woliin tokko ta'u'uuf akka cuuphamne hin beetanii? Eegasuu Kiristoos ulfinna abba'aatiin du'aa akkuma ka'e nullee akkasuma jireenna haarawa keessa akka jiraannu, du'aan isa woliin tokko akka taanu cuuphamu'uun isa woliin awwaalamneerra. Du'a du'a isaatiin wol fakkaatuun isa woliin yoo wol taane, akkasuma du'aa ka'iinsa du'aa ka'uu isaa fakkaatunillee tokko taana. Haalli jireenna keennaa cubbamaan akka baduuf garboota cubbu'uu ta'uun keenna akka hafuu, nafti keenna moofaan Kiristoosiin woliin akka fannifame hin beenna; Namni du'e cubbu'uu bitamuu jalaa bilisa. Eegasuu Kiristoosiin woliin yoo duune isa woliin akka jiraannu hin amana. Kiristoos du'aa ka'eet duranaa akka hin duune, duutillee uf afoo akka isa irratti mirga hin qabne waan beennuuf. Du'a hennaa tokko raawwatee, cubbu'uuf waan du'eef ka jireennaan jiraatu ammoo Rabbiif jiraata. Isinillee ammoo akkasuma cubbuu jalaa duutanii, karaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiif worra jiraatan akka taatanitti uf laakkaya'a. Eegasuu hawwii isaatii akka ajajamtan, foon keessan ka du'u irratti cubbuun hin mooyin. Nafa keessan keessaa hulee tokkollee mi'a hameenaa gootanii cubbu'uuf hin dhiyeesinaa'a, haata'uu ammoo du'oota keessaa baatanii jireenaan akka jiraatan Rabbiif uf dhiyeessaa'a, nafa keessan mara mi'a lolaa ka qajeellumma'aa taasisa'aatii Rabbiif dhiyeessaa'a. Isin Ayaannaa gadi malee, seeraa gadii miti. Cubbuun waan isin hin binneef. Eegasuu maal haata'u? Nu badhaadhummaa Rabbiitii gadi malee, seeraa gadi waan hin taaneef, cubbuu haa hojjannuu? Wa'a! Ajajamu'uuf garboota akka taatan ka itti uf dhiyeessitaniif isaafillee akka ajajamtaniif garboota isaa akka taatan hin beettanii? Yookiin du'aaf garboota cubbu'uuti moo garboota qajeellumma'aaf ajajamtan. Haata'uu ammoo dursitanii garboota cubbu'uu yoo taatan, barumsa kennamtaniitiif, qalbii teessan keessaa waan ajajamtaniif, cubbuu jalaa bilisa baatan. Qajeelluma'aaf waan bitamtaniif Rabbiin galan haa gayu. Waan dadhabii foon keessanii akkuma namni jedhu jedha; qaamni keessan hammeenna akka raawwatu, battumma'aa fi hamneennaaf garboota gootanii akkuma dhiyeessitan, akkasuma qaamni keessan akka woyyoomuuf qajeellumma'aaf garbicha godha'aatii dhiyeessaa'a. Hennaa garboota cubbu'uu taataniirtan qajeellummaa irraa bilisa waan turtaniif. Eegasuu dubbii adha itti saalfattan irraa hennaa san bu'aa maal argattan? Dhumti waan kanaa du'a waan ta'eef. Amma ammoo cubbuu jalaa bilisa baatanii Rabbiif ajajamtanii, worra daraaraa woyyumma'aa qabu. Innillee dhuma jireenna bara baraa ti. Gatiin cubbu'uu du'a waan ta'eef, kennaan badhaadhummaa Rabbii ammoo karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin jiruu bara baraa ti. Obbolewwan tiyya! Worra seera beekanitti dubbadha. Namni bara jireenna isaa maraa seerri akka isa bittu hin beettanii? Dubartiin heerumte abbaan manaa lubbu'uun hennaa jiru isa woliin seeraan waan hidhamteertuuf, abbaan manaa isi'ii yoo du'e ammoo seera isiin abbaa manaa isi'ii san woliin hidhamte irraa hiikkamteerti. Kanaafuu abbaan manaa lubbu'uun uduu jiru dhiira biraatitti yoo oolte, ta seebarte jedhamti. Abbaan manaa yoo du'e ammoo seera jalaa bilisa waan baateertuuf dhiira biraatitti yoo oolte, seebartu'uu miti. Akkasuma obboleeyyan tiyya! Isin ammoo Foon Kiristoosiitiin seeraaf ajjeefamtaniirtu Rabbiif daraaraa akka daraarru isin kaawwaniif ka du'oota keessaa ka'eef akka jiraattan. Fooniin hennaa jirru, hawwiin cubbu'uu ka seeraaf ta'e daraaraa du'aa daraaru'uuf qaama keenna keessatti waan hojjata'aa tureef. Amma ammoo isaa ka itti hidhamnee fi waan seera nu hidheeru jalaa duuneef, seera san irraa hiikkamneerra. Kanaafuu jireenna Ayyaana haarawaatiif bitamna malee, jireenna moofaa qube'eetiinii miti. Eegasuu maal jenna? Seerri cubbu'uu? miti. Haata'uu ammoo uduu seeraan ta'u dhabaatee cubbuullee hin beeku; seerri, «Hin hawwin» uduu jedhuu dhabaatee, silaa hawwiillee hin beeku. Cubbuun ammoo sababa argatee hawwii maraa ajajaan naarratti hojjate cubbuun seeraan alaa du'a waan ta'eef. Anillee duri seeraan ala jiraata'aa ture. Hennaa ajanyi dhufe ammoo cubbuun jiraattuu taate; anillee hin du'e. Ajanyi jireennaaf kennamte, isiinillee du'aaf akka taate arge. Cubbuun sababaa argattee, ajajaan waan na sobdeef, isiinillee na ajjeefteerti. Kanaafuu seerri woyyu'u. Ajanyiillee woyyiiti'i, qajeeltu'uu fi michu'uulle'e. Eegasuu wonti mishaa ta'e anaaf du'a ta'ee? miti Haata'uu ammoo cubbuu ta'e; cubbuunillee sababa ajajaatiif hagaa ol cubbamaa akka ta'u cubbuun karaa waan mishaa ta'e saniin du'a natti fide. Seerri ayyaanticha akka ta'e hin benna. Ani ammoo nama foonii ka cubbu'uu gadii ta'u'uuf gurgurame. Waan godhu waan hin beeneef woma jibbu san godha; ta'ullee ka jaaladhu san hin godhu. Waan hin jaalane ammoo yoo ka godhu ta'e, garuu seerri mishaa akka ta'e raga'aara. Akkana yoo ta'e san ka godhu amma anaa miti. Cubbuu na keessa jiru malee. Na keessa jechuun namummaa kiyya ka foonii keessa wonti michuun akka hin jirre hin beeka. Halcha uf keessaa qaba. Haata'uu ammoo waan mishaa godhuu hin danda'u. Ani waan mishaa godhuu fedhe hin godhu, waan hamaa godhu'uuf hin feene san godha. Waan hin jaalanne yoo ka godhu ta'e ammo, san ka godhu amma anaa miti, cubbuu ana keessa jiru san malee. Eegasuu waan mishaa godhuu uduu jaaladhu, seerri namumma'aa akka ani waan hama huju na taasisa. Nafti kiyya ka keessaa seera Rabbiitiin gammada. Haata'uu ammoo qaama nafa kiyyaatiin seera sammuu kiyyaa woliin ka wol woraanuuf cubbuu nafa kiyya keessa seerri biraa akka na booji'u arga'aara. Ani nama rakkataa attamiiti, nafa du'aaf kenname kana jalaa eennutu na hanbisaa? Karaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin galani Rabbiif haata'u, eegasuu ani Sammuu kiyyaan seera Rabbiitiif foon kiyyaan ammoo seera cubbu'uutiif hin bitama. Eegasuu worri Kiristoos Yesuusiin keessa jirani amma murtii yakkaa jala hin jiran. Seerri Ayyaana Woyyu'uu ka Kiristoos Yesuusiin keessa, seera cubbu'uutii fi du'a jalaa wolabummaa waan nu baaseeruuf. Namummaan namaa waan dadhabaa ta'eef, waan seerri godhuu dadhabe, Rabbi godhe; Rabbi Ilma ufii ka fakkeenna namummaa keennaa cubbamaa fakkaate ergee cubbuu akka haqu godheera. Akka fedha Ayyaanaa malee, akka fedha fooniititti nu worra jiraanneef nuun seerri ajaja akka raawwatamuuf fooniin cubbuu irratti yakka mure. Akka fedha fooniititti worri jiraatan waan foonii yaadan; akka fedha Ayyaanaatitti worri jiraatan ammoo waan Ayyaanaa yaadan. Waan foonii yaaduun du'a waan ta'eef waan Ayyaana yaaduun ammoo jireennaa fi nagaya. Waan Foonii yaaduun Rabbiin wol nama dhabsiisa; seera Rabbiitiif waan hin ajajamneef, ajajamuullee dadhabeera. Worri fooniin jiraatan Rabbiin gammachiisu hin danda'an. Isin ammoo Ayyaanni Rabbii yoo isin keessa jiraate, Ayyaanaan malee, fooniin hin jiraattan; Ayyaana Kiristoosi ka hin qabne ammoo fira isaatii miti. Yoo Kiristoos isin keessa jiraate hagamillee nafti keessan sababaa cubbu'uutiif ka du'e; sababaa qajeellumma'aatiif ammo Ayyaanni jireenna isinii kenna. Ayyaanni Rabbii ka Yesuusiin du'aa kaase isin keessa yoo jiraate, ka Yesuus Kiristoosiin du'a keessaa kaase karaa Ayyaanna ufiitiin nafa keessan ka du'uufillee jireenna kenna. Eegasuu obboleewwan tiyya! Waan keessan waan nurraa barbaadamutu jira. Kunillee akka fedha fooniititti jiraachu'uufii miti. Akka fedha fooniititti yoo jiraattan, hin duutan; hujii Ayyaanaatiin hujii fedhii foonii yoo ajjeeftan hin jiraattan. Worri Ayyaana Rabbiitiin masakkaman maruu, isaan ijoollee Rabbii ti. Isinillee Ayyaana ilmumma'aa ka Aabba Aabbaa jennee ittiin waamnu argattan malee, deebitanii Ayyaana soda'aatii fi garbumma'aa hin arganne. Ijoollee Rabbii ta'uu keenna, Ayyaanni sunuu hafuura keenna woliin ragaa baya. Nu ijoollee Rabbii eega taane worra waa mara argatu; nu waa maraa Rabbiin biraa arganna. Eega Kiristoosiin woliin rakkinni nurra gaye, nullee isa woliin ulfinnaa fi waan Kiristoos argatu maraa isa woliin arganna. Rakkinni bara kanaa kun ulfinna durana dhufee mudhatu woliin wol bira qabamee yoo laallamu woomaa akka hin taane yaada. Uumamni, mudhatuu ijoollee Rabbii hawwi'iin waan eeggataniif. Uumamni maruu ka gatii hin qabne akka ta'uuf itti murameera. Kunillee fedhii ufiitiin uduu hin ta'in fedhii Rabbiitiin, haata'uu ammo uumamni maruu akka abdi'iin eeggatu taasiseera. Abdiin sunillee uumamni garbumma'aa badi'ii jalaa bilisa bayee gara ulfinna ijoollee Rabbiitiif ta'u gara wolabuma'aa akka gayuuf. Uumamni maruu haga ammaa jigaan worwaataa fi ciiniinsu'uun jiraatuu isaanii hin beenna. Kana callallee miti, nu worri kennaa Ayyaanaa ka ijoo ta'e qabnu ka akka ilmaatitti nu guddisee fi ka bakka bu'ee nu fure abdi'iin eeggata'aa, keessa keennatti wixxifata'aarra. Abdi'iin fayyineerra; haata'uu ammoo wonti abdii godhatan sun yoo argame abdi'ii miti, waan arge eentu abdii godhataa? Waan arga'aa hin jirre yoo abdii godhanne, obsaan eegganna. Akkasuma Ayyaanni dadhabbii keenna nu gargaara; attamitti akka kadhannu nu waan hin beenneef, haata'uu ammoo Ayyaanninuu worwaata himaamu hin dandeenneen nuu kadhata. Rabbi yaada Ayyaanaa ka garaa namaa qoratu maal akka ta'e hin beeka; akka fedha Rabbii waan woyyootaatiif kadhata. Worra Rabbiin jaalataniif akka fedha isaatiin worra waamamaniif wonti maruu mishumma'aaf akka ta'u hin beenna. Ilmi isaa obboleewwan hedduu jiddu'utti hangafa akka ta'u, duraan dursee ka beeke bifa ilma isaa akka fakkaatan dursee murteesseera. Dursee ka murteesse kanniin ammoo hin waameen; worra waame kanniin ammoo qajeellota taasise, worra qajeellota taasise kanniin ammoo hin kabajje. Eegasuu waan kanaaf maal jenna? Rabbi yoo nu woliin ta'e, eentu nu mormaa? Ilma ufiitiif uduu garaa hin laafne, waan nu maraatiif dabarsee eega isa kenne, akkasuma isa woliin waan maraa attamiti akkanumaan nuu hin kennine? Worra Rabbi filate eentu isaan himata? ka qajeelchu Rabbi. Ka itti murteessu eennu? Ka du'e, caala'aatti ka worra du'an keessaa ka'ee ka mirgaa Rabbii jiru akkasuma waan keenna ka nuu kadhatu Yesuus Kiristoos. Jaalala Kiristoosii irraa eentu nu fooya? Rakko'oo, dhiphinnaa, ari'amu'uu, beelaa, yookiin daaru'uu, soda'a mo'o guraade'e? Akkana jedhamee akkuma barreeffame, «Waan keetiif guyyaa maraa hin ajjeefamna; akka hoolota qalamaniititti laakkawamne» Kana maraa keessatti ammoo ka nu jaalate saniin mooyattoota hin caalla. Du'a yookaan jireenna, Maleekkota, bulchiinsa, ka waa qabu, ka dhufullee yoo ta'e, hunna qabeeyyii ol gubba'aa gad bu'u uumama addaallee yoo ta'e, jaalala Rabbii ka karaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin keessan arganne keessaa nu baasuu akka hin dandeenne hubadheera. Gadda gudda'aa fi dhiphachuu addaan hin cinnetu garaa kiyya keessa jira yoo jedhu, Kiristoosiin keessa ta'ee dhugaa dubbadha. Hin sobu; sammuun kiyya ka Ayyaana Woyyu'uun masakkamullee, akka ani hin sobne naa raga. Waan worra fooniin gosa kiyya ta'anii, waan obbolewwan tiyyaatiif, Kiristoosiin irraa fooyamee ani ka abaarame akka ta'u Rabbiin kadhata'aa ture. Isaan worra Israa'elii waan ta'aniif, ilmummaa, ulfinna, kaku'uunillee seeri kennamuun sirni mana woyyu'uu dubbiin abdi'iilee ka isaaniiti. Abboonnillee ka isaanii waan ta'eef isaan keessaa Kiristoos fooniin dhalate, Inni waa maraa ol ta'ee, bara baraan Waaqa eebbifama'a! Amiin. Haata'uu ammoo dubbiin Rabbii ka diiggamee miti, kunniin worri Israa'eliin irraa dhalatan maruu Isiraa'eloota waan hin taaneef. Fiixaa Abrahaamiillee waan ta'aniif, isaan maruu ijoollee isaatii miti. Haata'uu ammoo fiixaan kee Yisihaaqiin sii waamama jedhame. Kunniinillee ijoollee fiixaa abdi'ii qabu keessatti laakkayaman malee, ijjoolleen foonii kunniin ijoollee dhalatan ijoollee Rabbiitii miti jechu'u. Dubbiin abdi'ii kunillee, «Ani hennaa kana dhufa, Saaraanillee ilma deetti» ka jedhu. Kana calla'aa miti; Ribqaan akkasuma abbaa keenna tokkocha Yisaaqiin irraa hennaa ulfoofte, ijoolleen isaa uduu hin dhalatin mishummaa yookiin waan hamaa uduu hin hojjatin ka waame irraa malee, huji'iinii miti; yaanni Rabbii ka filanno'oon ta'u akka jabaatu. «Hangafni maandha'aa ajajama» isi'iin jedhame. «Yaaqoobiin jaaladhe, Eesawuu ammoo jibbe» jedhamee akkuma barreeffame. Eegasuu maal jenna? Rabbiin bira haammenni hin jiraa ree? miti. Rabbi Muuse'een, «Ka araaramu maraafuu hin araarama; ka garaa laafu maraafuu garaa laafa» waan jedhuuf. Eegasuu araarri worra jaalateefii miti; yookiin ka fiigeefii miti. Rabbii araara namaa kennu irraa malee. Kitaabni, Fari'ooniin ani hunna tiyya sitti mudhisu'uuf, «Maqaa kiyyallee biyya lafaa maraa irratti akka dubbatamu kanaaf si kaase» waan jedhuuf. Eegasuu Rabbi ka araara fedhuuf hin araarama; ka hin feene ammoo mataa jabeessa. «Eegasuu maali'iif haga ammaa Rabbi dogoggora nurraa barbaada ree? Ka fedha isaa mormu eennu?» naan jetta ta'a. Haata'uu ammoo ati nama nana, ati ka deebii Rabbiif deebiftu eennu? Hujiin abbaa hujuun, «Maali'iif akkana gootee naa hujje?» jedhaanii? Yookiin ka faara huju dhoqqee kutaa tokko irraa meeshaa tokko ulfinnaaf, tokko ammoo salphinnaaf dhoqqee huju irratti baallii hin qabuu? Meeshaan dhiifamsaa Yihuudota calla'aafii miti; haata'uu ammoo worra Yihuudii hin taane keessaallee akkasuma worri waamamne nu'u. Akkasuma ammoo Hoosee keessatti «Uummata kiyya ka hin taane ‹Uummata kiyya› jedhee ta hin jaalatamnellee, ‹Ta jaalatamte› jedhee waama. Hulema, ‹Isin banii kiyyaa miti› jedhaman sanitti, ‹Ijoollee Rabbii jiraata'aa› jedhamanii waamaman» jedha. Isaayyaasillee akkasuma, «Gooftaan maraa danda'u uduu fiixaa nuu hanbisuu dhabaatee, silaa akkuma Soodomiitii fi Goomoora'aa banna» jedhee firrisee dubbate. Eegasuu maal jenna? worri Yihuudii hin taane ka qajeellummaa hin hordofne qajeellummaa argatan. Inni ammoo qajeellummaa amanta'aan ta'e. Israa'el ammoo qajeellummaa seeraatitti bula'aati seera bira hin geenne. Obboleewwan tiyya mishummaan fedha garaa kiyyaa waan Israa'eliitiif kadhaan ani Rabbiin kadhadhu akka isaan fayyaniif. Beekumsa dhuga'aatiin waan hin taaneef malee, isaan Rabbiif hinaaffaa Ayyaanaa akka qaban anuu isaanii raga. Karaa Rabbi itti qajeelaa nama taasisu wollaalu'uun hujii ufii qajeelaa faanaa deeman malee qajeellummaa Rabbii faanaa hin deemne. Worri amanan maruu akka qajeellota ta'aniif Kiristoos raawwii seeraati. Muuseen qajeellummaa seeraan ta'e, «Namni raawwatu isaan akka jireennaan jiraatan» barreesseera. Qajeellummaan amanta'aan ta'e ammoo akkana jedha, «Garaa kee keessatti, ‹Eentu gara sami'ii baya?› hin jedhin. Kun Kiristoosiin gadi buusu'uuf. Yookiin garaa kee keessatti, ‹Eentu gadi bu'a?› hin jedhin. Kunillee Kiristoosiin du'oota keessaa baasu'uuf.» Haata'uu ammoo maal jedha? Afaanii fi garaa kee keessa ta'ee dubbiin Rabbii si bira jira. Kunillee dubbii amanta'aa ka lallabnu. Yesuus Gooftaa akka ta'e afaan keetiin yoo ragaa baate, Rabbi du'oota keessaa akka isa kaase, garaa kee keessatti yoo amante hin fayyita. Namni gara'aan amanee qajeelaa ta'a. Afaaniinillee ragaa bayee fayya. Kitaabni, «Ka isatti amanu maruu hin saalfatu» waan jedhuuf Yihuudi'ii fi nama Giriikii jiddu'utti garaagarummaan hin jiru; Gooftaan tokkichi Gooftaa nama maraa waan ta'eef, worra isa waamatu maraafuu arja'a. «Ka maqaa Goofta'aa waamu maruu hin fayya.» Eegasuu ka itti hin amanin attamitti waamuu danda'an? yoo hin dhageenne attamitti amanan? yoo lallabame malee attamitti dhagayan? Lutti worra oduu gammachu'uu mishaa himanii attamitti barreede jedhamee akkuma barreeffame, yoo hin ergamin attamitti lallaban? Haata'uu ammoo maruu dubbii gammachu'uutiif hin ajajamne. Isaayyaas, «Gooftaa keenna! Ragaa keenna eentu amane?» Waan jedhuuf. Eegasuu amantaan dhagayu'uun, dhagayuunillee dubbii Rabbiiti. Haata'uu ammoo waan hin dhageenneefii? Dhugamaan, «Laagaan isaanii biyya lafaa maraa irratti dhagayame; dubbiin isaaniillee haga daangaa adunya'aa baye» jedha. Haata'uu ammoo Israa'el waan hin beenneef mo'o? jedha. Duraan dursee Muuseen, «Ani banii isaa ka hin taaneen isin hinaafsisa; banii qaabii hin qabneen isin aarsa» jedheera. Isaayyaasillee uggee, «Worra na hin sondheef argame; worra na hin gaafanneefillee mudhadhe» jedhe. Waan Israa'eliitiif ammoo, «Guyyaa maraa gara worra naa hin ajajamnee fi gara banii naan mormuu harka kiyya hiixadhe» jedhe. Eegasuu Rabbi banii ufii hin gatee ree? jedha. Horomaa hin ganne! Ani akkasuma Israa'el fiixaa Abrahaamii ka gosa Biiniyaamii ti. Rabbi banii duraan beeke hin ganne. Isin waan Eliyaasii attamitti akka Rabbiin afo'otti Israa'eliin himate kitaabni maal akka jedhe hin beettanii? «Goofta'a! raattota keelee hin ajjeessan, hulee ciinca'aa keellee hin diigan; anillee hojja kiyyatti hafe; nallee ajjeessu'uuf na soqa'aaran» Haata'uu ammoo deebiin Rabbii maal jedheen? «Namoota kuma torbaa Ba'aaliif ka hin saganne ufiif hanbifadheera» Akkasuma bara kanallee worri Rabbi badhaadhummaa ufiitiin filate, worri hafan hin jiran. Yoo badhaadhaan ta'e ammoo huji'iin ta'uun isaa hafeera; yookaan ammoo badhaadhinni badhaadha ta'uun isaa hafeera. Eegasuu maal ta'inna? Israa'el waan barbaadan hin arganne. Worri filataman ammoo argataniiran. Akkuma barreeffamni woyyuun jedhu, «Kuuwwanillee hadoodaniiran, akkasuma ijji isaanii akka hin argine; gurrii isaaniillee akka hin dhageenne, Rabbi haga adhaatitti hafuura hirribaa isaanii kenne» Daawitillee, «Nyaanni isaanii siiboo nama qabu, boollaa fi gufuu isaanitti haata'u. Ijii isaanillee akka hin argine isaanitti haa dukkanaayu; duddi isaaniillee hennaa maraa haa goorratu jedheera. Eegasuu worri gufatan haga kufaniifii? jedha; miti. Haata'uu ammoo isaan hinaafsisiisu'uuf balleessaa isaaniitiin, fayyinni worra Yihuudota hin taaneef ta'e. Haata'uu ammoo balleessaan isaanii durummaa adunya'aatiif mooyatamuun isaanii durummaa worra Yihuudota hin taaneef yoo ta'e keessattuu guuttamuun isaanii attam ta'inna? Gatamuun isaanii adunya'aaf araarama yoo ta'e, jireenna du'aa ka'u'uun argame malee, deebi'uun isaanii ammoo maal ta'inna laata? Hangafni woyyuu yoo ta'e, worri hafe ammoo woyyoota ta'an. Hiddi woyyuu yoo ta'e, dameen isaallee akkasuma woyyuu ta'a. Haata'uu ammoo damee keessaa gariin yoo caban, attillee ka ejersa gammoojji'ii taatee jidduu isaanii seentee isaaniin woliin hidda zayitii ejersa baasu irraa yoo qodamaa taate, damee irratti hin booniin. Yoo ittiin boonte ammoo, hiddatu si baata malee, ati hidda hin baattu. Eegasuu, «Akka ani galuuf dameen caabeera» jetta ta'a. Sun dhugaa'a; isaan amanuu dhabuu isaaniitiin caban; atillee sababaa amantaa keetiitiin dhaabatteerta; sodaadhu malee, waan uf jaju'uu hin yaadin. Rabbi dameewwan akka dhalatanii jiranii yoo garaa hin laafne ta'e, siifillee akkasuma garaa waan hin laafneef. Eegasuu gara laafummaa Rabbiitii fi gar-jabummaa isaa laali. Gar-jabummaan isaa worra kufan irratti; arjummaa isaatiin jabaattee yoo jiraatte ammoo, arjummaan Rabbii sirra jira. Akkas yoo ta'uu dhabaate atillee akkasuma hin muramta. Isaan amanuu dhabuu isaaniitiin jabaatanii dhaabatuu yoo baatan, deebi'anii muka keessa seenan. Rabbi deebisee isaan galchuu waan danda'uuf. Ati uumamaan ejersa gammojji'ii irraa muramtee akka uumama keetii uduu hin taane, yoo ejersa mishaa keessa seente, caala'aatti dameewwan uumamaan jiran, sunniin ejersa ufiititti attamitti hin galle? Obboleeyyan tiyya! worra qalbii qaban akka isinitti hin fakkaanne dhossaa kana akka beettan barbaada; haga worri Yihuudota hin taane gara worra Yihuudotaatitti guutumaan guutu'utti eda'amaniif, worri Israa'elii gariin hadoodeera. Akkasuma Israa'el maruu hin fayya akkuma jedhamee barreeffame, «Qorsi Tsiyooniin irraa dhufa. Yaaqoobiin irraa cubbuu hin balleessa. Cubbuu isaaniillee hennaa isaan irraa fuudhe waadaan ani isaan woliin galu kana. Karaa Oduu Nagayaatiin waan keessaniif diintota ta'aniiru. Karaa filaanno'otiin ammoo waan abbootaatiif jaalatamtoota. Rabbi kenna'aa fi badhaadha waamsa ufiitiin hin gaabbu. Isinillee dura Rabbiif akkuma hin ajajamne amma ammoo sababaa ajajamu dhabuu keessaniitiin dhiifamsa akkuma argatan, Akkasuma araara barattaniin isaanillee akkasuma araara akka argatan kunniinillee akkasuma amma hin ajajamne. Rabbi maraafuu dhiisu'uuf ajajamuu diduu isaanii jalatti, namoota maraa akka booji'aman godhe. Durummaan ogummaa Rabbiitiif beekkomsi Rabbii hagam gadi fagaata! Murteen isaa ka hin qoratamne; karaan isaallee ka hin beekamne. Kitaabni Woyyuun «Yaada Goofta'aa ka beeku eennu? Yookiin ka isa gorsu eennu? Yookiin ka Rabbii liqeessee liqaa san fudhatu eennu? dura ka isatti kenne eennu?» jedha. Maruu isarraa, isaan, isaaf waan ta'eef, bara baraan isaaf ulfinni haata'u! Amiin! Eegasuu Obboleeyyan tiyya! Nafti keessan ka Rabbiin gammachiisuu fi ciincaa jiraataa gootanii akka dhiyeessitan, gara laafummaa Rabbiitiin isin kadhadha. Innillee tajaajila keessan ka sammuu namaatiif tolu. Fedhiin Rabbii misha'aa fi ka nama gammachiisu waan mudaa hin qabne maal akka ta'e qorattanii akka beettan haarawoomuu qalbii teessaniitiin jijjiramaa malee, adunyaa tana hin fakkaatinaa'a. Akkasuma isin martinuu haga amantaa Rabbi isinii kenneetiin akka yaaddaniif malee, haga yaaduu barbaachisuu olitti uf jaju'uun waan keessaniif hin yaadinaa'a jedhee, badhaadha naa kennameen isinitti dubbadha. Akkuma nafa tokko keessa qaamni hedduu jiru, hujiin qaama nafa maraatuu tokko akka hin taane, Akkasuma nu heddu taanee karaa Kiristoosiitiin nu nafa tokko. Nu marti keenna qaama woliitti. Akkuma badhaadha nuuf keennameetitti kennaa gara garaa qabna; raaga yoo ta'e, akkuma amantaa keennaatiin raaga haa dubbannuu. Tajaajila yoo ta'e, tajaajila keennan haa jabaannuu; ka barsiisullee yoo ta'e, barsiisuu isaatiin haa jabaatuu; ka gorsu yoo ta'e, gorsu'uun haa jabaatu; ka keennullee arjumma'aan haa keennu; ka bulchullee jabaatee haa bulchuu, ka araaramullee gamachu'uun haa araaramuu. Jaalalitti teessan uf mudhisu'uun hin ta'in. Waan hamaa jibba'aa, waan misha'an wolii galaa'a. Jaalala obbolumma'aatiin isin wol jaaladhaa'a; Wol kabajjaa'a. Huji'itti jabaadhaa malee, hin ceem'inaa'a; worra Ayyaanaan oo'itan ta'aa'a Goofta'aaf ajajamaa'a. Abdi'iin gammadaa'a; rakkinna keessatti obsaa'a; faateffachu'uun jabaadhaa'a. Woyyoota waan barbaachisuun gargaaraa'a; keessummoota simachu'uun jabaadhaa'a. Worra isin ari'an eebbisaa malee, hin abaarinaa'a. Worra gammadan woliin gammadaa'a; ka boyu woliinillee booyaa'a. Isin yaada tokkoon wolii galaa'a; waan uf jaju'uu hin yaadinaa'a; haata'uu ammoo kasoo ta'u'uun hujii mishaa hojjadhaa'a; waan waa beettan uf hin seeyinaa'a. Eennullee hamaa dubbate'eef hamaa itti hin deebisinaa'a; nama maraa afo'otti waan mishaa yaadaa'a. Yoo isinii danda'ame karaa keessaniin nama maraa woliin nagayaan jiraadhaa'a. Jaalaloota tiyya! Waan keessaniif haluu hin bayinaa'a; dheekkamsa Rabbiitiif hulee kennaa'a malee, ufii haluu hin bayinaa'a; «ka haluu baasu ana; gatii isaallee ka deebisuuf ana» jedha Gooftaan jedhamee waan barreeffameef. «Diinni kee yoo beelaye nyaachisi; yoo dheebote obaasi; kana godhuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irratti waan tuultuuf» Hamaa mishumma'aan mooyadhu malee, haamtu'uun hin mooyatamin. Namni maruu worra bulchaniif haa ajajamanii; Rabbiin irraa yoo ta'e malee, baalliin waan hin jirreef. Worri jiran ka baallii qabanillee Rabbiin muudaman. Kanaafuu worra baallii qabuun ka mormu, seera Rabbii morma; Worri seera Rabbii mormu murtee ufitti fida. Bulchoonni worra hamaa hojatan malee, worra waan mishaa hojjatan waan hin sodaachifneef, worra baallii qaban akka hin sodaanne barbaaddaa? Waan mishaa hojjadhu; galata isarraa argattaa. Worri baallii qaban tajaajiltoota Rabbii ka waan mishaa sii godhan waan ta'aniif, akkanumaan waan guraadee hin hidhanneef, yoo waan hamaa hojjate sodaadhu; inni tajaajilaa Rabbii ka worra hamaa hojjatan irratti dheekkamsa fiduun haluu baasu waan ta'eef. Kanaafuu waan dheekkamsaa calla'aa miti. Haata'uu ammoo akkasuma yaada sammu'uutiif bitamuunillee giddi'i. Kanaafuu akkasuma gibirallee waan gabbartaniif worri waan kanaan jabaatan tajaajiltoota Rabbii waan ta'aniif. Maraafuu waan isaaniif barbaachisu isaanii kenna, ka gibirri maleef gibira, ka qarandhi maleef qaraxa, ka sodaatamuu barbaachisu sodaa'a, ka ulfinni maleef ulfinna kennaa'a. Gatiin isin wol irraa qabdan, wol jaalachuu haata'uu; namni nama kaan jaalatu seera raawwateera. «Hin seebarin, hin ajjeesin, hin hatin, sobaan ragaa hin bayin, hin hawwin» jedhu ajaja biraa maraa woliin, «Goshoo kee akka uf jaalattutti jaaladhu» dubbii jedhuun wolitti qabameera. Jaalalti goshoo ufiititti waan hamaa hin godhu. Kanaaf jaalalti raawwii seeraati. Hennaan hirribaa kaatan amma akka gaye bara beekaa'a, hennaa amanne caalaa fayyuun keenna adha gara keenna waan dhiyaateef. Halkan lufeera, guyyaanillee dhiyaatera, eegasuu hujii dukkanaa mulqannee, wontee ifa woraanaa haa uffannuu. Akka nama ifa guyya'aa keessa jiraatuutitti seeraan haa jiraannuu malee, sirbaa fi machi'iin hin ta'in; seebaru'uu fi wol qirqissuun hin ta'in. Haata'uu ammoo Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin uffadhaa'a; akka fedha ufii hin raawwanne, fooniif hin yaadinaa'a. Nama amanta'aan dadhabellee ufitti qabaa'a; yaada isa irratti hin murteessinaa'a. Waan maraa nyaachuun akka eeyyamameef ka amanu hin jira. Dadhabaan ammoo ashaakiltii nyaata; Ka nyaatu ka hin nyaanne hin tuffatin; ka hin nyaannellee ka nyaatu irratti hin murteessin; Rabbi waan isa ufitti qabeeruuf. Ati garbicha biraa irratti ka murteessitu eennu? Inni yoo dhaabate yookiin yoo kufeellee ka itti murteessu Gooftaa isaa ti. Haata'uu ammoo Rabbi waan isa dhaabuu danda'uuf hin dhaabata. Namni Kun guyyaan tokko guyyaa biraa irra woyyaa akka ta'e hin yaada. Kuun ammoo guyyaan maruu tokko akka ta'e yaada; maruu qalbii ufiitiin jabeessee haa hubatuu. Ka Guyyaa kabajju Goofta'aaf jedhee kabajja; ka nyaatullee waan Rabbiin galatoonfatuuf, Goofta'aaf jedhee nyaata; ka hin nyaannellee, Goofta'aaf jedhee hin nyaatu. Rabbiinillee hin galatoonfata. Nu keessaa tokkollee ufiif jedhee ka jiraatu waan hin jirreef ka ufiif du'ullee hin jiru. Yoo jiraanne Goofta'aaf jiraanna. Yoo duunnellee Goofta'aaf duuna. Eegasuu yoo jiraanne yookiin yoo duune nu ka Goofta'aa ti. Sababa kanaaf Kiristoos Gooftaa worra du'aniitii fi worra jiraatanii ta'u'uuf du'ee deebi'ee ka'e. Atillee obboleessa kee irratti maali'iif murteessitaa? Yookiin akkasuma obboleessa kee maaf tuffatta? Nu maruu teessoo murtii Kiristoosii afoo waan dhaabannuuf. «Ani jiraata'a! jedha Gooftaan; Jilbi maruu anaaf jilbiinfata; arrabni maruu Rabbiin galateeffata» jedhamee waan barreeffameeruuf. Eeganaa nu maruu waan keennaaf Rabbii deebii kennina. Eeganaa adha irraa jalaqabee nu maruu akka wol irratti hin murteessine caala'aatti ammoo eennullee obboleessa ufiititti guufuu yookiin sakaallaa akka hin taane kana murteeffadhaa'a. Wonti battii ta'e akka hin jirre, ani Gooftaa Yesuusiin keessa ta'ee beekeera, hubadheeralle'e. Haata'uu ammoo wonti kamuu battii akka ta'e ka laakkayuuf isaa battima. Sababaa nyaataatiif jettee Obbolleessaa kee yoo ka gaddisiiftu taate, eegasuu jaalalaan hin jiraanne. Nama Kiristoos du'eef nyaataaf jettee hin balleessiiniin. Eegasuu wonti mishaan isin keessa jiru hin arrabamin. Jeennanni Rabbii qajeellumma'aa fi nagaya gammachuu Ayyaana Woyyu'uuti malee, nyaataa fi dhuddoo waan hin taaneef. Akka kanaan ka Kiristoositti bulu Rabbiin waan gammachiisuuf; nama birattillee inni ka galataati. Eegasuu karaa nagaya nuu argamsiisuuf waan nu jajjabeessu maraa haa goonuu. Sababaa nyaataatiif, hujii Rabbii hin diigin; maruu qulqullu'u, mama'aa yoo nyaatan ammoo, nama saniif bada'a. Waan obboleessa kee gufachiisu foon nyaatuu yookaan daadhii woyini'ii dhuguu dhiisuu, waan biraallee yoo ta'e dhiisuun misha'a. Eeganaa amantiin kee kun siif Rabbii kee wadhakka'atti haata'uu. Namni waan itti amane hennaa godhu sammuun isaa isa hin qorre ka galataati. Namni mama'aa nyaate ammoo waan godhe san amanee waan hin gooneef itti murteeffama. Wonti amanta'aan hin goone maruu cubbu'u. Nu worri amanta'aan jajjabaa taane, dadhabbii worra dadhabanii baadhachuu nu barbaachisa malee, uf gammachiisuu nu hin barbaachisu. Marti keennaa akka inni jajjabaatu faayidaa isaatiif goshoo keenna haa gammachiifnuu. Kiristoos waan uf hin gammachifneef. «Tuffiin si tuffatan narra gayeera» jedhamee akkuma barreeffame isa irratti ta'e. Jabaachu'uuf abdiin jajjabeennaa ka Kitaabni kenneen wonti dura barreeffame maruu barumsa keennaaf waan nuuf barraayeeruuf. Kanaafuu Kiristoosiin ulfinna Rabbiitiif akka amantan, akkasuma isin wol simadhaa'a. Akkasuma ammoo, «Worri Yihuudii hin taane, banii isaa woliin gammadaa'a» jedha. Akkasuma, «Worri Yihuudota hin taane maruu, Gooftaa galateeffadhaa'a; Baniin maruu haa jajaniinii!» jedha. Akkasuma Isaayyaasillee, «Ka fiixaa Isseyii keessaa dhalatu hin dhufa; inni worra Yihuudii hin taane bulchu'uuf hin ka'a, worri Yihuudii hin taane abdii godhatan» jedha. Waandhi abdii hunna Ayyaana Woyyu'uutiin abdiin akka guddatu amanuu keessaniin gammachu'uu fi nagaya maraa isinii haa kennu. Ani akkasuma obboleewwan tiyya! Isin mishumma'aan akkuma guuttamtan, beekkomsa maraa akkuma argattan isin akkasuma akka wol gorsuu dandeettan waan keessan hubadheera. Eegasuu waan Rabbiin biraa ta'uun Yesuus Kiristoosiin boona qaba. Worri Yihuudii hin taane akka ajajaman Kiristoos, dubbii, hujii, malkata, hunnaa fi maalalee gudda'aan hunna Ayyaana Woyyu'uutiin, na keessa ta'ee waan hojjateen alatti woomaa dubbatuu hin uggu. Kanaafuu Yerusaalemii jalaqabee haga Iliwaarqoon naannayee Oduu Nagayaa ka Kiristoosii guutumaan guutu'utti lallabeera. Akkasuma karaa namni biraa bu'uura buuse irratti akka hin hunye, maqaan Kiristoosii bakka itti waamametti uduu hin taane, Oduu Nagayaa lallabu'uuf tattaafadhe. Haata'uu ammoo, «Waan isaa worri itti hin himamne hin argan; worri hin dhageennellee hin hubatan» jedhamee akkuma barreeffame. Kanaafuu akkasuma gara keessan akka hin dhufne hennaa hedduu dhooggame. Amma ammoo biyya tanatti uf afo'oof hulee waan hin qabneef woggaa heddu irraa jalaqabee gara keessan dhufu'uuf haawwi waan qabuuf. Hennaa gara Ispaaniya'aa lufu firrisee isin argu'uuf hennaa diqqoo haga yaada isin bayeen maayii isinillee imala kiyyaaf akka na gargaartan abdii godha. Amma ammoo woyyoota tajaajilu'uuf gara Yerusaalemii deema. Maqidooniya'aa fi Akkayaan, Yerusaalemitti hiyyeeyyota woyyoota jidduu jiran gargaaruu waan murteeffataniif. Waan jaalataniif worri sun isaaniif ba'aa isaaniiti. Worri Yihuudii hin taane eebba Ayyaana Yihuudotaa isaan irraa eega qoodaman, isaanillee eebba lafa irraa argatan, Yihuudotaa qooduun isaanii giddi'i. Eeganaa kana raawwadhee, gargaarsa wolitti qabame kana, eega isinitti kenneen maayii, Karaa keessaniin lufee, gara Ispaaniya'aa deema. Gara keessanillee hennaa dhufu eebba Kiristoosii guutu'uun akka dhufu hin beeka. Obboleewwan tiyya! Anaaf Rabbiin kadhata'aati, na woliin akka xaartan, Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi jaalala Ayyaanaatiin isin kadhadha. Waandhi nagayaa isin maraa woliin haata'u! Amiin! Obboleettii teenna Feebeen tajaajiltuu woldaa Keenkiroos keessa jirtu yaboo isiniin jedheera. Simannaa Goofta'aa ka qulqulloota maraa barbaachisuun simadha'aanii. Isiin namoota hedduuf akkasuma anaafillee gargaartuu waan turteef, waan isiin isin irraa barbaaddu maraanuu gargaara'aanii. Worra hujii Kiristoos Yesuusii na woliin hojjatan Phirisqilaa fi Aqila'aati nagaya naa himaa'a. Isaanillee lubbuu tiyyaaf jedhanii lubbuu isaanii dabarsanii du'aaf dhiyeessan. Woldaan worra Yihuudota hin taanee martinuu isaan galateeffatan malee, na calla'aa miti. Woldaa mana isaanii keessa jirtuuf nagaya kiyya itti naa himaa'a. Isiyaa irraallee Kiristoosiif ka hangafa ta'e, Axeenexoonii jaaladhuuf nagaya kiyya naa himaa'a. Ta waan keessaniif guddiftee dadhabde Maariyaamitti nagaya naa himaa'a. Worri ergamoota jiddu'utti maqaa mishaa qabaniif akkasuma worri Kiristoositti amanu'uun na dursan fira kiyya ka na woliin hidhaman Andiraaniqoonii fi Yuliiyanitti nagaya naa himaa'a. Jaalalloo kiyya jaalatamaa Goofta'aan jaaladhu Philiyaaxoniitti nagaya naa himaa'a. Urbaanoonni hujii Kiristoosii na woliin hojjatuuf, Siinxaakisii jaaladhutti nagaya naa himaa'a. Exeleenii ka Kiristoosii ta'u'uun qoratamee galatoonfameetti nagaya naa himaa'a; worra maatii Ariisxabaluu ta'anitti nagaya naa himaa'a. Fira kiyya Heeroduuna'atti nagaya naa himaa'a; worra maatii mana Niirqaasu'uu keessaa worra Goofta'aan jiranitti nagaya naa himaa'a. Porofiimoona'aa fi Xiroofimoosa'atti worra hujii Goofta'aa huju'uuf dadhabanitti nagaya naa himaa'a. Xarsiidaa jaalatamtuu Goofta'aaf jettee ta gudiiftee dadhabdetti nagaya naa himaa'a. Ruufoonii tajaajilu'uun gudisee beekamee fi ta naa fi isaallee haadha taate haadha isaatitti nagaya naa himaa'a. Asqariixoo, Afaliisophee, Heroomeenii, Pheexiroobamii, Heermaanii fi obboleewwan worra isaan woliin jiran marattuu nagaya naa himaa'a. Felegoonii, Yuuliyaa, Neerii fi obboleettii isi'ii Alixoonii woliin woyyoota jiran marattuu nagaya naa himaa'a. Dhungoo obbolumma'aa woyyitti'iin nagaya wol gaafadhaa'a; tokkummaan woldaa Kiristanaa ta Kiristoosii martinuu nagaya isinii dhaamaniiran. Haata'uu ammoo Obboleewwan tiyya! worra barumsa isin barattan mormanii fi gar gar baayiinsa uumanii, namootatti gufuu ta'an, addaan baaftanii akka laaltaniif irraallee akka fagaattan isin kadhadha. Worri akkana jiran kunniin garaa isaaniitiif malee, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiif waan hin bitamneef. Waan misha'aaf dubbii sheele'eetiin qalbii namoota dhara hin qabnee soban. Ajajamuun keessan nama maraa biratti waan dhagayameeruuf, eegasuu isinitti hin gammada, haata'uu ammoo waan misha'aaf ogeeyii ta'aa'a; wonti hamaan ammoo akka isin hin qabne barbaada. Waandhi nagayaa seexana luka keessan jalatti gadi dhaya. Badhaanni Gooftaa keena Yesuus Kiristoosii isin woliin haata'u. Ximootiwoosii na woliin hojjatuu fi akkasuma firri kiyyallee, Luuqiyoos, Iyyaasoonii fi Susiipheexiroosillee nagaya isinii dhaamaniiran. Eergaa kana ka barreesse ani Xeerxiyoos maqaa Goofta'aatiin nagaya isinii dhaama. Kanaaf Woldaa Kirstaanaa mara keessummeessu, Gayiyoos nagaya isinii dhaameera. Namichi birriin bira teettu ka qachaa Ersiisxoosii obboleessii keenna Qu'aasxiiroosillee nagaya isinii dhaamaniiran. Badhaanni Gooftaa keennaa ka Yesuus Kiristoosii isin maraa woliin haata'u! Amiin. Rabbii ufumatti ogummaa qabuu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin baraa haga bara baraa ulfinni haata'u! Amiin. Fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'u'uuf ka waamame Phaawuloosii fi obboleessa keenna Soosteensiin irraa: Woldaa Rabbii ta Qorontoosiin keessa jirtuuf, worra Kiristoos Yesuusiin woyyoomanii fi ka nu'uu fi isaaniillee Gooftaa ta'e maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin hulee marattuu worra woyyoota ta'u'uuf wamaman maraaf. Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kirstoosiin irraa badhaaninii fi nageenni isiniif haata'u. Kiristoos Yesuusitti waan amantaniif sababa badhaadha isinii kennameetiif hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galateeffadha. Akkanatti yoo mudhata Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii eeggattan, kennaan badhaadhummaa woyyu'uu tokkollee isin jalaa hin hanqatu. Innillee akkasuma guyyaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii mudaa malee akka jiraattan haga dhumaa isin dhaaba. Gara ilma ufii, gara Gooftaa keennaa gara tokkummaa Yesuus Kirstoosii Rabbiin isin waame amanamaa'a. Haata'uu ammoo obboleeyyan tiyya! Isin maruu dubbii tokko akka dubbattan garaa tokko fi yaada tokkoon worra wol ta'u akka taataniif malee, addaan wol fooyuun isin jiddu'utti akka hin taane, Maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhadha. Obboleeyyan tiyya! Isin jidduu wol mormiin akka jiru waan keessan maatiin Qalo'ee natti himaniiran. Kana jedha, gari gariin keessan, «Ani ka Phaawuloosiiti»; «Ani ka Aphiloosiiti»; «Ani ammoo, ka Keefa'aati»; ka biraa, «Anillee ka Kiristoosiiti» jettan. Kiristoos Qoodameeraa? Phaawuloos waan keessaniif fannifamee? Mo'o maqaa Phaawuloosiitiin cuuphamitanii? Maatii Isxifaanosillee akkasuma cuupheera. Yoo ka biraa eda'ee cuuphee jiraadhe hin beeku. Kiristoos Oduu Nagayaa haa himu'uuf na erge malee, haa cuuphu'uuf na hin ergine. Fannoon Kiristoosii akka hunna hin dhabne dubbii Rabbii ka lallaba'aaruun ogummaa namaatiinii miti. Dubbiin fanno'oo worra badaniif gowwumma'a; nu worra fayyinuuf ammoo hunna Rabbii waan ta'eef. Barreeffama Woyyicha keessatti, «Ogummaa ogeeyyi'ii hin balleessa, hubannaa worra hubatanii hin gata» jedha. Ogeessi meeti? Barreessan meeti? Qorataan adunyaa tanaa hoo meeti? Rabbi ogummaa adunyaa tanaa gowwummaa akka ta'u hin taasifnee? Sababaa ogummaa Rabbiitiin adunyaan Rabbiin ogummaa ufiitiin waan hin beenneef lallaba gowwuma'aatitti worra amanan fayyisu'uuf fedhii Rabbii ta'eera. Hennaa kamiinuu Yihuudonni, malkata arguu fedhan; worri Giriikotaallee ogummaa barbaadan. Nu ammoo Kiristoosii fannifame lallabna. Kunillee Yihuudotaa gufu'u, worra Yihuudii hin taanee gowwumma'a. Worra waamamaniif ammoo Yihuudii ta'e, namoota Giriikii, hunna Rabbiitiif ka ogummaa Rabbii ta'e Kiristoos. Wonti gowwummaa Rabbii fakkaatu qarummaa namaa caala; wonti dadhabbii Rabbii fakkaatu hunna namaa caala. Obboleeyyan tiyya! Waamamuu keessan laalaa'a, worri akka ogummaa namaa ogeessota ta'an hedduun, worri gurguddoota ta'an hedduu fi worri dureeyyii ta'an hin waamamne. Haata'uu ammoo Rabbii ogeeyyii saalfachiisu'uuf gowwaa adunyaa tanaa filate. Cimaa saalfachiisu'uuf, Rabbi dadhabaa adunyaa tanaa filate. Rabbillee waan jiru akka waan hin jirree godhu'uuf womaa woma adunya'aa waan tuffatamaa ta'e filate. Ka foon uffate maruu Rabbiin afo'otti akka uf hin janye. Haata'uu ammoo, «Ka uf jaju Rabbiin uf haa jajuu» jedhamee akkuma barreeffame, Akka ta'uuf Rabbiin biraa ogummaa, qajeellummaa, woyyummaanillee ka nu fureen ka Kiristoos Yesuusii taatan. Ani obboleeyyan tiyya! Hennaa gara keessan dhufe, namoota biraa caalaa dubbachu'uun yookiin ogumma'aan ragaa waan Rabbii isinitti hima'aa hin dhufne. Isin jidduu hennaa jiru, waan Yesuus Kiristoosii malee, innillee akka inni fannifame malee waan biraa akka hin beenne waan kutadhee tureef. Anillee dadhabi'ii fi soda'aan holluu gudda'aan isin bira ture. Worra bilchaatan wodhakka'atti ammoo ogummaa dubbanna, haata'uu ammoo, Ogummaa worra adunyaa tanaa ti miti. Ogummaa adunyaa tanaa ta diiggamtu ta akka ogummaa bulchoota saniitii miti. Haata'uu ammoo Rabbi firrisa barootaan duratti ulfinna keennaaf waan murteesse, ka dhokatee ture dhossaa ogummaa Rabbii dubbanna. Bulchoota biyya kanaa keessaa tokkollee ogummaa kana hin beenne. Uduu beekanii, Gooftaa ulfinnaa silaa hin fannisan. Haata'uu ammoo, «Ka ijji hin argine, ka gurri hin dhagenne; waan qalbii namaatitti hin yaadamne, waan Rabbi worra isa jaalataniif qopheesse» jedhamee akkuma barreeffame akkasuma dubbanna. Rabbi Ayyaana ufiitiin wonti gadi fago'oollee uduu hin hafin maraa waan qoruuf, nutti Rabbi karaa Ayyaana ufiitiin uf ibse. Waan nama tokko keessa jiru, Ayyaana isa keessa jiru san malee, ka biraa ka beeku eennu? Akkasuma ammoo Ayyaana Rabbii malee, ka Rabbiin beeku eennullee hin jiru. Nu ammoo waan Rabbiin irraa akkanumaan nuu kenname akka beenuuf, Ayyaana Rabbiin irraa ta'e fudhanne malee, Ayyaana adunyaa tanaa hin fudhanne. Waan Ayyaanaa wol bira qabnee waan dubbii Ayyaanni nu barsiisuun akkasuma dubbanna malee, dubbii ogummaan namaa nu barsiisuunii miti. Nama akka umameen jiruu, wonti Ayyaana Rabbii waan gowwummaa ta'eef hin fudhatu; dubbiin Ayyaanaa waan Ayyaana Rabbiitiin qoramuuf namni foonii beeku hin danda'u. Namni Ayyaana Rabbii qabu ammoo, maraa qora; inni ammoo eennuunuu hin qoramu. Barreeffamni Woyyuun, «Yaada Goofta'aa ka beeku eennu? ka gorsa isaa kennu eennu» Nu ammoo qalbii Kiristoosii qabna. Obboleeyyan tiyya! Ani waan isin nama fooniin yaadu taataniif waan isin Kiristoositti amanu'utti daa'ima taataniif malee, akka waan isin nama Ayyaanaa taataniititti isinitti dubbachuu hin dandeenne. Haga ammaa nyaata cimaa nyaachuu waan hin dandenneef, Aanaan isin woga'e. Worra yaada foonii qabu waan taataniif, haga ammaa nyaata jabaa nyaachuu hin dandeettan. Hinaaffa'aaf mormiin waan isin keessa jiruuf worra fooniin yaadu ta'u keessanii mitii? Akka Aadaa namaatitti deddeebitanii? Tokko, «Ani ka Phaawuloosiiti» kuun, «Ani ka Aphiloosiiti» yoo jedhe, isin akka nama yaada foonii callaa yaadu ta'uu keessanii mii? Eeganaa Aphiloos eennu? Phaawuloosillee eennu? Isaan tajaajiltoota isin harka isaaniititti amantan. Isaan maruu akka Gooftaan isaanii kennetti haa tajaajilaanii. Ani hin dhaabe, Aphiloos bisaan obaase, Rabbi ammo hin guddise. Eeganaa ka guddisu Rabbi malee, ka dhaabu yookiin ka obaasullee womaa miti. Ka dhaabuu fi ka obaasu tokkoma. Haata'uu ammoo, martinuu akka dadhabbii ufiititti mindaa ufii fudhata. Isin maasaa Rabbiiti. Isin gamoo Rabbiiti isa woliin waan hojjannuuf. Akka badhaadha Rabbii ka naa kennameetitti akka nama qaroo mana ijaaruu tokkotti hundee hundeesse; ka biraallee isa irratti ijaara. Gariin ammoo isa irratti attamitti akka ijaaru uf haa eeguu. Ka qara hundaaye malee, eennullee bu'uura biraa bu'uursuu waan hin dandenneef, innillee Yesuus Kiristoos. Eennullee ammoo hundee kana irratti worqi'iin yoo ta'e birri'iin, dhagaa gatii gudda'aatiin, mukaan, margaa fi maqa'aan yoo ijaare, hujiin maruu attam akka ta'e ifa baya. Ibiddaan waan ifa bayyuuf guyyaan sun hin mudhisa. Hujiin nama maraatuu maal akka ta'e ibiddi sun hin qora. Eennullee hujii isaa irratti ijaaree yoo dhaabateef gatii ufii argata. Eennullee hujiin isaa yoo jalaa gubate hin miidhama. Badhaasa ufii hin argatu. Inni ammoo hin fayya. Ta'ullee akka nama ibidda keessaa bayeetitti hafa. Isin mana Rabbii akka taatan Ayyaanni Rabbiillee akka isin keessa jiraatu hin beettanii? Eennullee mana woyyuu Rabbii yoo diige, Rabbi isa diiga. Manni Rabbii woyyuu waan ta'eef, inni sunillee isin. 18 Eennullee uf hin sobin. Isin keessaa eennullee adunyaa tanatti waan ogeessa ta'e yoo isatti fakkaate, ogeessa ta'u'uuf gowwaa haata'u. Wonti maruu keessan waan ta'eef, Kanaafuu eennullee namaan uf hin jajin. Phaawuloos, Aphiloos, Keefaa, adunyaa tana, jireenna, du'a, ka qabuu fi ka dhufullee yoo ta'e, maruu keessan. Isin ka Kiristoosiiti; Kiristoosillee ka Rabbiiti. Akkasuma namni nu akka hojjataa Kiristoosiitii fi worra dhossaa Rabbii ibsu'uuf amaanaan itti keenameetitti nu haa laakkayuu. Akkanallee yoo ta'e worra amaanaan itti kenname biratti amanamaa ta'ee argamu'utu barbaachisa. Haata'uu ammoo isin birratti yookiin nama biraa birratti yoo natti murtaaye, anaaf womaa miti; ani ufittuu hin murteessu. Ufi irratti womaa waan hin beenneef, Haata'uu ammo, kanaan qajeellummaa hin argatu. Ka natti murteessu ammoo Goofta'a. Kanaafuu ka dukkana keessatti dhokate akkasuma gara ifaa ka baasu ka gorsa onne'eellee ibsu Gooftaan haga dhufuutti hennaan uduu hin geenne waan tokkollee hin murteessinaa'a. Hennaa san isaan maraafuu galanni Rabbiin biraa ta'a. Obboleeyyan tiyya! Amma isiniif jedhee kana maraa ufii kiyyaan Aphiloosiinillee akka fakkeennaatitti dubbadheera; waan barreeffamni woyyuun jedhe bira hin darbinaa'a jedhamee akka isin jiddu'utti beekamu nurratti akka laaltaniif namni tokkollee kaan jajee, nama biraa hin tuffatin. Ati akka worra kaan caaltu eentu si taasise? wonti ati hin arganne maali'i? Eega isa irraa fudhatte amma maali'iif akka waan kan kee ta'eetitti uf jajja ree? Amma quuftaniirtan, amma durreeyyii taataniirtan, nuun allatti mootii taataniirtan; nullee akkasuma isin woliin akka moonuuf uduu mootanii mishaa ta'a. Adunyaa, Maleekkotaa fi namoota birrattillee worra taphaa taaneerra. Rabbi nu ergamoota akka namoota duuti itti murtayee waan maraa caalaa duuba akka taanu waan nu taasisan naffakkaata. Nu Kiristoosiif jennee gowwoota, isin ammoo Kiristoosiin worra qalbii qabu, nu dadhaboota, isin ammoo jajjaboota, isin worra kabajjame, nu ammoo worra salphate. Haga sa'aatii kanaa hin beelofna, hin dheebonna, hin daarra, gad qabamna, hin xaarra Harka keennaan hujja'aa dadhabna, yoo nu arrabsan hin eebbifna, yoo nu ari'an hin obsina, Hamaa yoo nutti dubbatan Rabbiin isaanii kadhana. Haga ammaa fishaa adunya'aatiif xurii lafa tanaa taaneerra. Akka ijoollee jaaladhuutitti isin gorsu'uuf malee, isin saalfachiisu'uuf kana isinii hin barreessu. Isin Kiristoosiin irraan haga guddiftoota kuma hedduullee yoo qabaattan, abboota heddu qabdan. Ani Kiristoos Yesuusiin irraan Oduu Nagayaa kanaan isin uumadheera. Eegasuu worra na fakkaatu ta'aa jedhee, isin kadhadha. Kanaafuu ka jaaladhuuf amanamaa ka ta'e ka Goofta'aan ilma kiyya ta'e Ximootiwoosiin isinii ergeera. Akkuma ani hulee marattuu woldaa Kiristaanaa barsiisu, karaa kiyya ka Kiristoos Yesuusiin ta'u innillee isin qaabsisa. Gariin ammoo akka waan ani gara keessan hin dhufnee isaanitti fakkaatee, worri uf jajan hin jiran. Haata'uu ammoo, Gooftaan yoo jedhe dafee gara keessan dhufa. Hunna uf jajootaa hin beeka dubbii isaanii calla'aa miti. Jeennanni Rabbii hunnaan malee, dubbii calla'aan waan hin taaneef. Isin kam feetan? Ulee fudhee isinii dhufa moo jaalalaa fi Ayyaana gara laafuma'aatiin isinitti dhufuu woyya? Dubbii gababa'aan isin jidduu seebaruun akka jiru hin odeeffama; seebaruun akkanaa kun worra hin amanne worra Yihuudii hin taane keessattuu waan hin argamne waan namni haadha manaa abbaa ufii fuudhe jiruuf. Isinillee uf jajjaniirtan, guddiftanii gadduu isin hin barbaachisuu? ka hujii kana hojjate uf keessaa baasaa'a. Ayyaana isaatiin guyyaa gaafa Gooftaan Yesuus dhufu akka fayyitu, balleessaa foonii ka akkanaa kana seexanaaf kennuun murtii kiyya. Uf jajuun keessan misha'aa miti, raacitiin diqqoon bukoo maraa akka bukeessu hin beettanii? Eeganaa raacitii malee akka jirtan, bukoo haarawa akka taatan, raacitii moofaa uf keessaa balleessaa'a. Faasikaan keenna Kiristoos waan qalameeruuf. Kanaaf qajeellumma'aa fi dhuga'aan Ayyaana xorosho'oo haa goonnuu malee, raacitii moofaa dharaaf dhiibba'aatiinii miti. Seebartoota woliin akka wol hin taane dhaamsa kiyya isinii barreesseera. Wolumaagalatti, seebartoota adunyaa tanaa yookiin worra horii dharra'an, samtoota yookiin worra waaqa tolfamaa kaddaaman woliin wolii hin galinaa'a hin jenne; kana jecho'oo miti. Uduu akkana ta'ee, sirima adunyaa kana keessaa bayu'utu isin barbaachisa. Haata'uu ammoo obboloota worra jedhaman keessaa tokko, seebaraa yookiin ka horii dharra'u yookiin ka waaqa tolfamaa kaddaamu yookiin ka nama arrabsu yookiin machaayaa yookiin saamaa yoo ta'e, isa woliin akka wolii hin galle isinii barreessa. Nama akkanaa kanniin woliin nyaatumallee hin nyaatinaa'a. Namoota diida jiran irratti murteessuu eentu na dhoogge? Namoota keessa jiran irratti isin hin murteessitanii? Worra ala jiranitti ka murteessu Rabbi. «Dhara jidduu keessanii baasaa'a.» Isin keessaa tokko goshoo ufii woliin mormii yoo qabaate, woyyoota afo'otti wolitti murteessuu irra, hammeyyii afo'otti wolitti murtessuu uggaa? Woyyoonni adunyaa irratti akka murteessan hin bettanii? Adunyaa irratti uduu murteessitanii waa maraa caalaa diqqoo waan ta'uutti murteessuu hin dandeettanii? Waan fuudhaa fi herrumaa dhiisa'aatii, Maleekkootattuu akka murteessinu hin beettanii? Eeganaa waan fuudhaa fi heerumaa manni murti'ii yoo isin barbaachise, worra woldaa Kiristaanaa keessatti tuffataman worra murte'ee gootanii keettanii? Isin saalffachiisu'uuf kana jedha. Akkanumaa? Obboloota jiddu'uu manguddoo ta'uu ka danda'u namni hayyuun tokko isin birratti hin argamuu? Haata'uu ammoo, obboleessi obboleessa himata; kanallee worra hin amanne afo'otti godhaa? Eegasuu sirimaa wol mormiin isin keessa jiru hanqinna keessaniin. Uduu ufii yakkamtanii isinii hin woyuu? Yoo sobamtan isinii hin woyyuu? Haata'uu ammoo, isinuu hin yakkitan hin sobdanille'e sanuu obboleeyyan keessan. Moo hammeeyyiin jeennata Rabbii akka hin dhaalle hin beettanii? Hin dogoggorinaa'a. Seebartoota yoo ta'an yookiin worra waaqa tolfamaa kaddaaman yookiin worra seebaran yookiin dhiira dhiira bira geettu, Yookiin hattoonni yookiin worri horii dharra'an yookiin worri machaayan yookiin worri nama arrabsan yookiin saamtoonni jeennata Rabbii hin galan. Isin keessallee gariin akka kanniinii turtan. Haata'uu ammoo Maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Ayyaana Rabbii keennaatiin dhiqattaniirtu woyyoomtaniirtan qajeellota taataniirtan. «Maruu naa eeyyamameera» maruu ammoo hin fayyadu. Maruu naa eeyyamameera; tokkollee narratti hin mooyu. «Nyaanni gara'aaf, garaanillee nyaataaf» Rabbi ammo kanallee sanillee hin balleessa. Nafti keenna Gooftaa tajaajilu'uuf Gooftaanillee nafa kunuunsu'uuf malee, ittiin seebaruu hin barbaachisu. Rabbiin Gooftaa kaase nullee hunna ufiitiin nu kaasa. Nafti keessan qaama Kiristoosii akka ta'e hin beettanii? eegasuu qaama Kiristoosii fuudhee qaama seebartootaa godhuu barbaachisaa? hin ta'u. Moo ka seebartootaan wol ta'u foon tokko akka ta'u hin beettanii? «Lachuu foon tokko ta'an» waan jedhameeruuf. Ka Goofta'aan wol ta'u Ayyaana Goofta'aatiin tokko. Seebaruu irraa dheessaa'a. Namni cubbuu hojjatu maruu fooniin ala. Ka seebaru ammoo foon ufii irratti cubbuu hojjata. Waan wonta naa barreessitanii san namaaf dubartii bira gayuu diduun misha'a. Haata'uu ammoo, sababaa rakkoo seebaraatiif dhiirtii martinuu haadha manaa ufii haa qabaatuu. Akkasuma dubartiin martinuu abbaa manaa ufii haa qabaattuu. Abbaan manaa haadha manaa ufiitiif waan isi'iif ta'u haa godhuufii, akkasuma ammoo haati manaa abbaa manaa ufiitii. Haati manaa qaama ufii irratti baallii hin qabdu; baalliin ka abbaa manaa isi'iiti. Akkasuma ammoo abbaan manaa qaama ufii irratti baallii hin qabu; baalliin ka haadha manaa isaati. Faate'een jabaatu'uuf jettanii, woliigaltanii haga henna'aatiif yoo ta'e malee, wol hin dhoggatinaa'a. Uf qabuu dadhabdanii seexxani akka isin hin qorre woliin jiraadhaa'a. Haata'uu ammoo ani isin gorsu'uuf malee, isin ajaju'uufii miti. Namni maruu akka kiyya uduu ta'ee, hin jaaladha. Haata'uu ammoo, namni maruu kennaa badhaadha Rabbi isaaf kenne qaba. Isa tokkoo kennaa kana; isa kaaniif kennaa biraa kenne. Amma worra hin fuunnee fi hin heerumnee akkasuma haadha hiyyeessaa akka kiyya fuudhaa fi heeruma malee uduu taa'anii misha'a. Haata'uu ammoo dharra'aan gubachuu irra fuudhu'uu fi heerumuu woyya. Uf qabuu yoo dadhaban haa heerumaanii yookiin haa fuudhanii. Ani kaawwaniinillee akkana jedha, Goofta'aa miti, worra dhiiraa keessaa ka haadha manaa hin amanne qabu yoo jiraate, isiinillee isa woliin jiraatuu yoo jaalatte, akka hin dhiifneen. Ta abbaa manaa hin amanne qabduu yoo jiraatte inni sun isii woliin taa'uu yoo fedhe akka hin dhiifneen. Abbaan manaa hin amaniin haadha manaatiin woyyoomeera, haati manaa hin amannellee abbaa manaa ufiitiin woyyoomteerti akkas ta'uu baannaan ijoolleen isaanii battoota; amma ammoo woyyoota. Ka hin amanne ammoo yoo fooyame haa fooyamuu; dhiirti yookiin intalti waan kana keessatti hin hidhamin. Rabbi ammoo nagayaaf nu waameera. Ati dubartii nana abbaa manaa kee uduu ka fayyiftu taatee beettaa? Yookiin ati namana haadha manaa tee uduu ka fayyiftuut beettaa? Isin maruu akkuma kennaa Gooftaan isinii kenneetiif akkuma hennaa Rabbi isin waamee jiraattaniititti jiraadhaa'a. Ajanyi ani tokkummaa woldaa Kiristaanaatii kennu kanuma. Namni haga gadoomeen maayii yoo Rabbiin waamame akka nama gadoomee hin ta'in. Yoo uduu hin gadoomne Rabbiin waamamee jiraate, gadoomuun isa hin barbaachisu. Gadoomu'uuf gadoomuu dhabuun duwwa. Ajaja Rabbii eegu'u malee. Namni martinuu akkuma itti waamame sanitti haa jiraatuu. Garbicha taatee uduu jirtu yoo waamamte, womaa miti. Wolaba bayuun yoo sii danda'ame ammoo wolabummaa fudhadhu. Garbicha ta'ee Goofta'aan ka waamame, Goofta'aan bilisa; akkasuma bilisa ta'ee ka waamame garbicha Kirstoosiiti. Gati'iin bitamtaniirtan; garbicha namaa hin ta'inaa'a. Obboleeyyan tiyya! Martinuu akkuma itti waamametti akkasuma ta'ee Rabbiin woliin haa jiraatuu. Waan qerro'otiif qeerritti'ii Gooftaan ajaja nati hin kennine. Ani ammoo akka nama araara Goofta'aa argatee abdatameetitti gorsa kana isin gorsa. Eeganaa rakkoo ammaatiif kun mishaa natti fakkaata. Namni akkana ta'e yoo jiraate misha'a Haadha manaa fuutee yoo jiraatte, hiikuu hin hawwin; haadha manaa yoo hin fuune fuudhuu hin hawwin. Qeerrichi yoo fuudhe cubbuu hin hojjatu. Qeerrittiinillee yoo heerumte cubbuu hin hojjattu. Haata'uu ammo adunyaa tana irratti worri fuudhanii fi heeruman, jireenna isaanii keessatti rakkoo heddu qaban. Ani ammoo rakkinna kana jalaa akka baataniif jedhee isin gorsa. Haata'uu ammoo obboleeyyan tiyya, wonti ani isiniin jedhu kana. Barri gabaabaa ta'eeraa, ammaa achi worri haadha manaa qaban akka waan hin qabnee haa ta'anii. Worri booyanillee akka waan hin boonnee, ka gammadanillee akka waan hin gammannee, worri bitanillee akka waan womaa hin qabnee haata'anii. Worri adunyaa tanattillee fayyadaman maruu akka waan hin fayyadamne haata'an. Biftii adunyaa tanaa waan luftuuf. Haata'uu ammoo yaada malee akka jiraattan jaaladha. Ka hin fuune, Gooftaa attamitti akka gammachiisu waan Goofta'aa yaada. Ka fuudhe ammoo haadha manaa ufii attamitti akka gammachiisu waan adunyaa tanaa yaada. Yaanni isaallee qoodameera. Dubartiin hin heerumne yookiin durbii duudaan fooniinillee Ayyaanaan akka woyyoomaniif waan Goofta'aa yaadan. Ta heerumte ammoo abbaa manaa ufii attamitti akka gammachiiftu waan adunyaa tanaa yaaddi. Kanallee bu'aa mataa keessaniitiif jedha; akka ta'utti akka jiraattan uduu hin saattoofne Goofta'aan akka dhaabattaniif malee isinitti jabeesu'uuf jedheetii miti. Haata'uu ammoo namni tokko qaadhima isaa irratti waan mishaa akka hin goone yoo yaade; ta inni qaadhimate sun umuriin isi'ii heerumaaf yoo gaye; fuudhu'uuf yoo murteesse; waan jaalate haa godhuu; cubbuu waan hin taaneef wol haa fuudhanii. Uduu hin raafamne yoo kutaate ammoo waan isa giddisiisu hin qabu; waan jaalate akka godhu eeyyamameeraaf, ta qaadhimate san fuudhuu dhiisu'uuf yoo murteeffate mishaa godhe. Akkasuma durba duudaa ka fuudhe waan mishaa godhe; ka hin fuunellee ka caalu godhe. Dubartiin hennaa abbaa manaa ufii woliin jirtu isaan wolitti hidhamteerti; yoo abbaan manaa isi'ii du'e ammoo, Gooftaa haa qabaatuu malee, ka jaalattetti heerumu'uuf wolaba. Akka gorsa kiyyaatitti ammoo akkuma jirtutti uduu teettee gammachuu qabdi, anillee waan Ayyaana Rabbii uf keessaa qabu seeya. Waan foon waaqa tolffama'aa kennamee nu martinuu beekkomsa akka qabnu hin beenna. Beekkomsi akka uf maman taasisa. Jaalalti ammoo keessa namaatii nagaya keenna. Eennullee waan waa beeku yoo isatti fakkaate, haga beekuun isa irra jiru hin beenne. Eennullee ammoo Rabbiin yoo jaalate, inni isa biratti ka beekame. Eeganaa waan foon waaqa tolfama'aa kenname nyaachuun, waandhi tolfamaan maruu adunyaa kanarratti duwwaa akka ta'eef, Waaqa tokkicha malee, Waandhi biraa akka hin jirre hin beenna. Yoomillee kaddaamamtoonni hedduunii fi gooftonni heddutu jira. Haata'uu ammoo samii irra ta'ee lafarratti hagamillee kaddaamamtoota worri jedhaman yoo jiraatan, Nuuf wonti martinuu isa irraa nuu ta'e, nullee ka isaa ka taane Waaqa kaddaamamaa Aabbaa tokkicha qabna. Wonti maruu karaa isaatiin ta'e, nullee worri ka isaa taane Gooftaa tokkicha Yesuus Kiristoosiin qabna. Haata'uu ammoo, beekkomsi kun namoota maraa biratti hin argamu, gariin ammoo waaqa tolffamaa haga ammaa waan barataniif ka waaqa tolffama'aaf woreegame jedhan waan nyaataniif sammuun isaanii dadhabaa waan ta'eef hin xuraaya. Nyaanni ammoo gara Rabbii nu hin dhiyeessu. Yoo hin nyaannellee womaa nu hin miidhu, yoo nyaannellee womaa bu'aa nu hin qabu. Haata'uu ammoo, mirgii keessan dadhabdootatti gufuu akka hin taane uf eegaa'a. Ati ka beekkomsa qabdu, nyaata mana waaqa tolfama'aa bira uduu teettu, namni tokko uduu si argee, namni sun uduu dadhabaa ta'ee, ka waaqa tolfama'aaf dhiyaatu san nyaatu'uuf hin kajeeluu? Beekkomsa keetiin dadhaba'aan ka bada'a jettu; inni kun obboleessa Kiristoos du'eef. Eegasuu obboleeyyan yakka'aa; sammuu isaanii dadhabaa madeessa'aa, Kiristoosiin yakkitan. Kanaafuu nyaanni yoo obbooleessa kiyya ka gufachiisu ta'e, obboleessa kiyya akka hin gufachiifne sirimaa baraa haga bara baraatiiti foon hin nyaadhu. Ani wolabaa mii? Ergama'aa mitii? Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin hin arginee? Isinillee Goofta'aan hujii kiyyaa mitii? Chaappaan ergamummaa kiyyaa Gooftaan isin taataniif kaawwaniifillee yoo ergamaa hin taane, isiniif garuu waan fedhellee yoo ta'e ani ergama'a. Worra na qoraniifillee deebiin kiyya kana. Akka ergamtoota kaawwanii akka obboleeyyan Goofta'aatiif akka Keefa'aa, haadha manaa teenna ta amante qabannee deemuu mirga hin qabnuu? Moo namni waa argachu'uuf xaaru anumaa fi Barnaabaasiin calla'aa? Sirima namni birrii ufiitiin loltuu ta'ee tajaajilu eennu? Yookiin woyinii dhaabee, ka daraaraa hin nyaanne eennu? Yookiin horii tissa'aa ka aannan hori'ii hin dhunne eennu? Kana baallii namaa calla'aan jedhaa? Seerrillee akkana hin dubbatuu? «Sangaa dheedu afaan hin hidhin», jedhamee Seera Muuse'ee keessatti barreeffameera. Rabbiin wonti sangootaa garaa hin nyaatuu? ka Kana jedha'aaru sirima waan keennaafii mitii? ka qotu abdi'iin akka qotu, sangaan qotullee ka qote irraa akka nyaatu kun maruu qooda midhaanii akka argatu abdata'aa haa hojjatuu. Nu waan jireenna Ayyaanaa yoo isinii facaafne, waan jireenna fooniitiif ta'u isin irraa yoo arganne waan gudda'aa? Yoo worri biraa isin irraa mirga gargaarsaa ka qoodaman ta'e, nu mirga kana caalu attamitti hin qabaannee ree? Waa maraa hin obsina malee, mirga kanatti hin fayyadamne. Worri mana woyyuu keessa tajaajilan hurbaataa ufii mana woyyuu irraa akka argatan worri mi'a kenna'aatitti kennaa dhiyeessan akka qooda kenna'aa argatan hin beettanii? Akkasuma ammoo Oduu Nagayaa worri himan waan ittiin jiraatan hujii kana irraa akka argatan Gooftaan seera kaayeera. Ani ammo kanniin maraa irraa womaa hin fayyadamne. Akkana akka naaf ta'uuf kana hin barreessu. Eennullee waan ani ittiin boonu duwwaa kana jalaa godhee mannaa du'a naa woyya. Yoo Oduu Nagayaa lallabe waan ittiin ufi jaju hin qabu. Kana wonti godhuuf waan giddii kiyya ta'eef, Oduu Nagayaa yoo hin lallabne naa aanne'e! Kana yoo fedha kiyyaan godhe ammoo mindaa waan qabuf. Fedha malee yoo godhe ammo, hujiin sooru'uu kun yaboo cima'atu natti kennameera. Eeganaa mindaan kiyya maali'i? Oduu Nagayaa lallaba'aati mirga Oduu Nagayaa irraa qabu maraa akka hin fayyadamne Oduu Nagayaa gatii malee dubbadha. Ani nama maraa irra ka wolaba baye yoo ta'u, heddu fayyadu'uuf maraayyuu akka garbichaa ta'a. Worra Yihuudotallee fayyadu'uuf Yihuudii woliin akka worra Yihuudi'ii ta'e, worra seera jala jiran fayyadu'uuf, ani mataan kiyya seera jala uduu hin taane, worra seera jala jiraniif akka nama seeraa gadi jiruu ta'e. Worra seera hin qabne fayyadu'uuf, seera Rabbiitiin uduu hin jiraanne, haata'uu ammoo seera Kiristoosii jala uduu jiru, worra seera hin qabneef akka waan seera hin qabnee ta'e. Worra dadhaban fayyadu'uuf akka worra dadhaba'aa ta'e. Karaa maraanuu gari garii fayyisu'uuf maraa woliin waan maraanuu akka isaanii ta'e. Oduu Nagayaa keessatti hirmaataa ta'u'uuf, waan Oduu Nagayaatiif maraa godha. Hulee wol morkii fiigichaatitti namni maruu hin fiiga. Haata'uu ammoo ka badhaafamu tokkicha akka ta'e hin beettanii? Isinillee akkasuma akka badhaasa argattan fiigaa'a. Ka wandhansa bayu maruu, waan maraanuu nafa ufii hin eeggata. Kunniin kennaa badu argachu'uuf, nu ammoo ka hin banne argachu'uuf. Kanaaf ani akka worra kaayyoo malee fiiguutitti hin fiigu, akka nama qilleensa qabuu, maraafuu akkanumaan hin dadhabu. Haata'uu ammoo kaawwanitti haga himeen maayii ufii nama gattame akka hin taane foon kiyya adaba'aa akka ajajamu godha. Obboleeyyan tiyya! Kana akka beettan barbaada, Abboonni keenna maruu duumessa jala turan; maaruu galaana wodhakaa ceeyan. Maruu Muuse'een wol fakkaachu'uuf duumeessaaf galaanaan cuuphaman. Maruu nyaata Ayyaanaa san nyaatan; maruu dhuddoo Ayyaanaa san dhugan. Marti isaaniituu untoo Ayyaana bifa tokkoo dhugan; untoon irraa dhuganillee dhagaa siida'aa ka faanaa deema'aa turan san; dhagaan sunillee Kiristoos. Rabbi ammoo worra baayi'innaan isaan taru sanniinitti hin gammanne; waan lafa gammooji'iititti kufaniif. Isaan kunninillee waan hamaa akkuma dharra'an, nullee akkasuma akka hin dharraane, Kun fakkeenna nuu ta'e. «Baniin nyaachu'uu fi dhugu'uuf taa'anii; sirbu'uuf ka'an» jedhamee akkuma barreeffame isaan keessaa gari gariinillee akkasuma godhe, isinillee worra waaqa tolfamaa kaddaamu hin ta'inaa'a. Isaan keessallee gari gariin akkuma seebaran guyyaa tokkotti kumni dhibba sadihii fi kumaatamaa olii akkuma kufan, nullee akka hin seebarre. Akkuma isaan keessaa gari gariin Gooftaa qoranii bofaan dhuman, nullee akka Gooftaa hin qorre. Isaan keessaa gari gariin akkuma gururi'anii waan ballessuun akka badan hin gururi'inaa'a. Kun maruu fakkeenna akka nuu ta'uuf isaan irraa nu bira gaye; nu worra bara dhumaa kana keessa jirruuf akka uf eeggannuuf nuu barreeffame. Kanaaf ka waan dhaabate itti fakkaate akka hin kufne ufi haa eeguu. Qormaata nama maraa irratti ta'uun ala qormaanni woyiituu isin irra hin geenne; haata'uu ammoo haga dandeettan caalaa akka qoramtan Rabbiin hin eeyyamne amanama'aa. Obsuu akka dandeettan qorumsa woliin karaa baataniinillee isinii qopheessa. Kanaaf obboleeyyan tiyya! waaqa tolfamaa kaddaamuu irraa fagaadhaa'a. Waan qalbii qabdaniif kana jedha, waan ani jedhutti isinuu murteessaa'a. Untoon eebbifnu ka eebbaa dhiiga Kiristoosii woliin ka tokkummaa qabuu mii? Xoroshoon cabsannu foon Kiristoosii woliin ka tokkummaa qabuu mii? Xoroshoon tokko waan ta'eef, nullee xoroshoo tokko san irraa worra qoodamu waan taaneef, hagamillee heddu yoo taane nu nafa tokkocha. Waan Israa'el namumma'aan godhe laalaa'a. Worri ciincaa nyaatan sunniin worra hulee ciinca'aa irraa qoodamuu mii? Eeganaa maal jedha; ciincaa waaqa tolfama'aa waan bu'aa hin qabneef jedhaa? mo'o waaqa tolfamaa waan bu'aa hin qabne akka ta'u jedhaa? Miti. Haata'uu ammoo worri Yihuudii hin taane ka ciinceessan jinni'ii akka ta'uuf malee, Rabbii akka hin woreenne jedha; jinnii woliin tokko akka taatan hin jaaladhu. Untoo Goofta'aatii fi ka jinni'ii qixa dhuguu hin dandeettan; nyaata Goofta'aatii fi nyaata jinni'ii qixa qoodamuu hin dandeettan. Moo Gooftaa haa hinaafsifnuu? Nu isa caalaa jabaannaa? Maruu naa eeyyamameera; maruu ammoo hin fayyadu. Maruu naa eeyyamameera; Haata'uu ammoo ka keessa namaa qulqulleessuu miti. Namni martinuu bu'a gosho'ootiif malee, tokkollee waan ufii hin barbaadin. Waan gabayaa fooniititti gurguramu maraa uduu hin shakkine nyaadhaa'a. «Ka lafaa fi lafarra guute maruu ka Goofta'aa waan ta'eef.» Worra hin amanne keessaa tokkollee yoo isin waame dhaquu yoo barbaaddan yaada keessaniin uduu hin shakkine waan isinii dhiyeessan maraa nyaadhaa'a. Namni tokkollee kun ciincaa waaqa tolfama'aaf dhiyaate yoo isiniin jedhe; sababa namichi waan san isinitti himeef sababii shakkii qalbii teessaniitiif hin nyaatinaa'a. Yaada hiriyyaa keetiitiif malee yaada mataa keetiitiif hin dubbadhu. Wolabummaa kiyya irratti yaada nama biraatiin narratti murteeffamaa? Anillee badhaadha Rabbiitiin yoo nyaadhe, waan itti galateeffadhuuf maali'iif arrabamaa? Eegasuu waan dhuddanii fi waan nyaattan yoo ta'e yookiin waan kamiinillee yoo gootan, waa maraa ulfinna Rabbiitiif godhaa'a. Akka ani Kiristoosiin fakkaadhu isinillee na fakkaadhaa'a. Obboleeyyan tiyya! Waa maranuu waan qaabattan, waan ani isin barsiise waan qaabattaniif isin galateeffadha. Haata'uu ammoo, mataan dhiiraa Kiristoos, mataan dubarti'ii dhiira, mataan Kiristoosii Rabbiin ta'uu isaa akka beettan fedha. Dhiirri haguuggatee faateffatu yookiin raaga dubbatu maruu uf salphisa. Akkasuma dubartiin uduu hin haguugganne faateffattu yookiin raaga dubbattu maruu uf saliphiifti. Kun akka waan mataa ufii haadatteetitti laakkayama. Dubartiinillee mataa ufii uduu hin haguugganne rifeensa ufii yoo hin dhoffane ammoo haa cirattuu, dubarti'iif ammoo rifeensa murachuun yookiin haadachuun ka saalfachiisu yoo ta'e rifeensa ufii haa itti haguuggattuu. Dhiirri fakkeennaa fi ulfinna Rabbii worra mudhisan waan ta'aniif, mataa ufiititti hin haguuggatin, dubartiin ammoo ulfinna dhiiraati. Dubarti'itu dhiira irraa argame malee, dhiirti dubartii irraa hin argamne. Akkasuma dubartiin dhiiraaf uumamte malee, dhiirti dubarti'iif hin uumamne. Dubartiin takka sababa kanaaf Maleekkaa Rabbii afo'otti baallii jala jiraachuu isi'ii mudhisu'uuf, haguugguu mataa irraa qabaachu'utu ta'aaf. Haata'uu ammoo Gooftaa biratti dubartiin dhiira malee, dhiirtillee dubartii malee hin jiraatan. Akkuma dubartiin dhiira irraa argamte; akkasuma dhiirtillee dubartii irraa dhalate; maruu Rabbiin irraa argaman. Isinummaan uf jiddu'utti murtessaa'a. Dubartiin rifeensa ufii uduu itti hin haguugganne Rabbiin faateffachuun hin ta'aa? Haata'uu ammoo eennullee mormuu yoo fedhe nuu yookiin woldaan Kiristaanaa ta Rabbii aadaa akkana'aa kana hin qabnu. Haata'uu ammoo hennaa wolgeettan waan bada'aaf malee, waan misha'aaf waan hin taaneef ajaja kana yoo isinii kennu isin hin galateeffadhu. Dura hennaa gara Woldaa Kiristaanaa dhuftan, isin jiddu'utti wol qoqqooduun akka jiru waan dhagaya'aaruuf karaa tokkoon hin amana. Isin biratti worri qoraman akka saaxilaman isin jiddu'utti akkasuma ta'uun giddi'i. Eeganaa hennaa wolgeettan wonti nyaattan hurbaata Goofta'aatii miti. Hennaa nyaataa, maruu hurbata ufii waan nyaatuu, tokko hin beelaya, tokko ammoo hin machaaya. Manniin itti nyaattaniif itti dhuddan hin qabdanii? Mo'o Woldaa Rabbii tuffattanii? worra waa hin qabne hin saalfachiiftanii? Ani maal isiniin haa jedhu? Waan kanatti isin haa galateeffadhuu ree? Isin hin galateeffadhu. Waan Isinitti dabarsee keenne ani Gooftaa irraa fudhadheera. Galgala gaafa Gooftaan Yesuus dabarfamee kenname xoroshoo kaasee galateeffatee cabsee, Hoo'aa nyaadhaa'a, «Kun foon kiyya, ka isinii ta'u; kana ittiin na qaabadhaa'a» jedhe. Akkasuma hurbaataan maayii, untoo ol fuudhee, «Untoon tun waadaa dhiiga kiyyaan ta'u ka waadaa haarawaati; hennaa dhuddan maraa kana yaadannoo kiyyaaf godhaa'a» jedhe. Hennaa xoroshoo kana nyaattanii fi untoo kana dhuddan maraa; Gooftaan haga deebi'ee dhufutti waan du'a isaa labsitan. Kanaafuu uduu isaaf hin malle ka xoroshoo kana nyaate, yookiin ka untoo Goofta'aa dhuge maruu, gatiin foonii fi dhiiga Goofta'aa isa irra jira. Namni uf qoree xoroshoo san haa nyaatuu; untoollee haa dhuguu. Ka uduu isaa hin malle nyaatee dhuge, foon Goofta'aa waan gargar hin baafneef ufirratti murteessee nyaata'aa dhuga. Kanaaf isin birratti worri dadhabaniif worri dhibaman namoonni hedduu hin jiran. Namoonni hedduunillee du'aniiran. Dura uduu uf qorree silaa nutti hin murteeffamu. Haata'uu ammoo hennaa nutti murteeffamu, adunyaa woliin akka nutti hin murteeffamne, Gooftaan nu gorsa. Kanaaf obboleeyyan tiyya! Hennaa nyaataaf wolgeettan wol eegaa'a. Eennullee yoo beelayee jiraate, hennaa wolgeettan akka murtii isinitti hin taane, mana ufiititti haa nyaatuu, waan hafellee hennaa dhufe isinitti hima. Obboleeyyan tiyya! Waan Ayyaana Woyyu'uu akka beettan fedha. Akkuma hennaa worra Yihuudota hin taane turtan, gara waaqa tolfamaa laagaa hin qabnee masakkama'aa turuu keessan hin beettan. Kanaafuu eennullee Ayyaana Rabbiitiin yoo dubbatu, Yesuus ka abaarame ka jedhu tokkollee akka hin jirre; Ayyaana Woyyu'uun yoo ta'e malee, «Yesuus Goofta'a» jechuu tokkollee akka hin dandenne isin beessisa. Kennaan badhaadhaa adda adda, Ayyaanni ammoo tokko. Tajaajillillee adda adda, Gooftaan tokko. Akkaataan hujii isaallee adda adda, Rabbiin maraa godhu ammoo tokko. Haata'uu ammoo kennaan Ayyaanaa ka nama maraa keessatti mudhatu bu'aa nama maraatiif kennama. Tokkoo ogummaa dubbachuu Ayyaanaan kennamaaf; tokkoollee Ayyaanuma saniin beekkomsaan dubbachuun kennamaaf. Tokkoo Ayyaanuma saniin amantaa, tokkoollee Ayyaanuma tokko saniin kennaa fayyisu'uu, Tokkoo maalalee godhuu'u, tokkoollee raaga dubbachuu, tokkoo ayyaana hamaa adda baasuu, tokkoollee laagaa adda addaa dubbachuu, tokkoo ka laagaa addaatiin dubbatame hiikuun kennamaaf. Kana maraa ammoo Ayyaanni tokko sun akka fedha ufiititti qooda'aa hojjata. Akkuma nafti tokko qaama heddu qabu, qaamoon nafaa martinuu uduu heddu ta'aniiran, qaama tokko akka ta'an; Kiristoosillee akkasuma. Yihuudii yoo taane, namoota Giriikii yoo taane, garboota yoo taane, wolabootallee yoo taane, nu martinuu Ayyaana tokkoon qaama tokko akka taanu waan cuuphamneerruuf, nu martinuu Ayyaana tokko keessaa dhunneerra. Nafti qaama heddu malee, qaama tokko waan hin taaneef. Lutti harkaan, «Ani harka miti, qaama nafaatiillee miti» yoo jettee; akkas jette'eef kutaa nafaa ta'uun isi'ii hin hafaa? Gurrillee ani ija waan hin taaneef, qaama nafaatii miti uduu jedhee, kana jedhe'eef kutaa nafaa ta'uun isaa hin hafaa? Nafti maruu uduu ija ta'ee, silaa dhagayuun eessa jira? Maruu uduu gurra ta'ee, silaa maali'iin ulanna? Amma ammoo Rabbi akka fedha ufiititti qaamoolee san adduma addaan nafa irra godheera. Maruu uduu qaama tokko ta'ee, nafti silaa eessaa argamaa? Haata'uu ammoo amma qaamooleen hedduu, nafti ammoo tokko. Ijji harkaan na hin barbaachiftu jechuu hin dandeettu yookiin mataan akkasuma lukaan na hin barbaachiftan jechuu hin danda'u. Haata'uu ammoo qaamni namaa ka dadhabaa fakkaatan nafa caalaa barbaachisan. Qaamoolee nafaa worra hin kabajjamne ka nutti fakkaatan, ulfinna caalu isaanitti uwwifna. Qaama keenna ka ittiin saalfannu ammoo ulfinnatu isaanii eda'ama. Qaamni tokkollee uduu rakkatee qaamni maruu isa woliin rakkatan, qaamni tokko yoo ulfinna argate qaamni maruu isa woliin gammada. Isinillee nafa Kiristoosiiti, marti keessanuu qaama isaa ti. Rabbillee woldaa Kiristaanaatitti dursee ergamoota, lammaffaa raattota, sadaffaa Barsiisota, maalalee godhuu, kennaa fayyisu'u, gargaarsa, bulchiinsaa fi laagaa adda addaa kenneera. Maruu ergamootaa? Maruu raattotaa? Maruu barsiisotaa? Maruu maalalee hujanii? Maruu keennaa fayyisu'u qabanii? Martinuu laagaa addaatiin dubbatanii? Maruu hin hiikanii? Haata'uu ammoo kennaa badhaadhumma'aa ka maraa caalu jabaadha'aa barbaadaa'a. Akkasuma karaa waa maraa caalu isinitti mudhisa. Laagaa addaa ka namootaatii fi ka maleekkotaatiiniillee yoo dubbadhe, jaalala ammoo yoo hin qabaanne, akka sibiila shakashaka jedhuuti. Raaga dubbachuu yoo qabaadhe, dhossaa maraaf beekkomsa maraa yoo beeke, haga gaarran hule'ee kaasuutti amantaa maraa yoo qabaadhe, jaalala ammoo yoo hin qabaanne duwwa'a. Hiyyeeyyii nyaachiisu'uuf, waan qabu maraa yoo qoode, foon kiyyallee yoo ibiddaaf kenne, jaalala ammoo yoo hin qabaanne, womaa hin fayyadu. Jaalaltti hin obsiti, hin arjoomti, jaalaltti hin hinaaftu, jaalaltti uf hin jajju, Waan hin taane hin hojjattu, waan ufii hin barbaadduu, hin biibboftu, hin aartu, gadoo hin laakkayattu. Dhuga'atti gammaddi malee, waan dharaa irratti hin gammaddu. Maraa obsiti, maraa amanti, maraa abdii godhatti, waa maraa hin ciniinnatti. Jaalalti hennaa maraa hin kuftu, raaguun ammoo hin hafa, laagaa harawwaniin dubbachuun hin hafa, beekkomsallee yoo ta'e hin bada. Wonti nu beennu hago'o, raaga keessaallee hagoo waan dubbannuuf. Inni guutuun yoo dhufe, hagoon sun hin hafa. Hennaa ijoolle'ee, akka ijoolle'ee dubbadha, akka ijoolle'ee yaada, akka ijoolle'eetitti laakkaya, haga ka'imoome ammoo amala kiyya ka ijoollumma'aa dhiiseera. Adha akka waan ufargaa dimimmisaa keessa laaluuti; hennaa san ammoo addaata'atti wol argina. Wonti amma beeku hago'o. Hennaa san ammoo anillee akkasuma akka beekkame hin beeka. Yoo akkana ta'e amantiin, abdiiniif jaalalti kunniin sadiin jabaatanii jiraatan, kanniin maraa ka caalu jaalala. Jaalala faanaa deemaa'a; kennaa Ayyaanaa keessattuu raaga dubbachuu jabaadha'aa barbaadaa'a. Ka afaan haarawa dubbatu Rabbiif malee namaaf hin dubbatu, ka hubatu hin jiru, Ayyaanaan ammoo dhossaa dubbata. Ka raaga dubbatu ammoo ijaaru'uuf, gorsu'uuf, jajjabeesu'uuf namatti dubbata. Ka afaan haarawa dubbatu uf ijaara. Ka raaga dubbatu ammoo woldaa Kiristaanaa ijaara. Isin maruu akka afaan haarawaan dubbattan fedha; Kana caalaa raaga uduu dubbattanii fedha; akka woldaan Kiristaanaa ijaaramutti dubbii yoo hin hiinne afaan haarawaan ka dubbate irra ka raaga dubbatutu caala. Amma ammoo obboleeyyan tiyya! Gara keessan dhufee uduu afaan haarawa dubbadhee, mudhata yookiin beekkomsa yookiin raaga yookiin barumsa yoo isinitti hin himne maal isin fayyada. Wonti lubbuun keessa hin jirre boobaa, kiraarii, laagaa dhageessisee garaagarummaa laaga'aa yoo hin ibsine ka boobaa yookiin kiraarii dhayuu faaruun attamitti beekkama? Akkasuma xurumbaan laagaan isaa addaan bayee yoo hin beekamne eentu lolaaf qophaaya ree? Akkasuma isin ammoo dubbii hubatamaa afaaniin yoo hin dubbanne namoonni waan isin dubbata'aartan attam godhanii hubatan? Nama qilleensatti dubbate waan taataniif. Adunyaa irra maal laataa afaan lakkoofsaa oliititu jira. Afaan hiikkaa hin qabne hin jiru. Eeganaa yoo ani hiikkaa afaan sanii hin beenne, namicha itti dubbata'aarutti keessummaa ta'a. Anaa dubbadhuullee keessumaa'a. Akkasuma ammoo isin kennaa Ayyaana woyyu'uu jabeessitanii worra barbaaddan yoo taatan, woldaa Kiristaanaa jabeessu'uuf akka isinii badhatu barbaadaa'a. Kanaaf ka afaan haarawa dubbatu, akka hiiku Rabbiin haa kadhatuu. Ani afaan haarawaan yoo faateffadhu Ayyaana kiyyatu faateffateffata; sammuun kiyya ammoo womaa hin qabu. Eeganaa maal godhuu? Ayyaanaan faateffadha; Akkasuma sammu'uunillee hin faateffadha; Ayyaanaan hin faarfadha; akkasuma sammu'uunillee hin faarfadha. Akkana yoo hin taane, yoo ati Ayyaanaan eebbiftu, namni hin baranne taa'ee waan ati jedha'aartu yoo hin beenne, «Attam godhee, galata keetii Amiin» jedhaa? Ati akka misha'aatti galateeffatta; ka biraa ammoo ittiin hin jabaatu. Ani isin maraa caalaa afaan haarawaan waan dubbadhuuf Rabbii kiyya hin galateeffadha. Haata'uu ammoo, kaawwan akkasuma barsiisu'uuf woldaa Kiristaanaa keessatti dubbii hagaa olii afaan haarawaan dubbachu'uu mannaa, dubbii shanii sammuu kiyyaan dubbachuu jaaladha. Obboleeyyan tiyya! Sammu'uun daa'iman hin ta'inaa'a. Waan dharaatiif daa'imman ta'aa'a; worra sammu'uun bilchaattan ta'aa'a. Akkana jedhamee seera keessatti barreeffameera. «‹Afaan haarawa namoota dubbataniif, afaan biraatiin banii kanatti hin dubbadha; akkanallee ta'ee naa hin dhagayan› jedhe Gooftaan.» Eeganaa afaan haarawaan dubbachuun worra hin amanneef malkata malee, worra amananiifii miti. Raaga dubbachuun ammoo worra amanneef malee ka hin amanneefii miti. Eeganaa woldeenni Kiristaanaa maruu wolgayanii, yoo afaan haarawaan dubbatan, namoonni hin baranne yookiin hin amanne uduu seenanii, «Maraataniiran» hin jedhanii? Uduu maruu raaga dubbatanii ammoo, ka hin amanne yookiin namni hin baranne uduu seenee martinuu cubbuu isaa hubatee gaabba; waan maraa hin qorata. Waan garaa isaatitti dhokkatellee hin ibsa, akkasuma, «Dhugamaan Rabbi isaan jidduu jira» jedhee dubbata'aati afo'otti kufee Rabbii sagada. Eeganaa obboleeyyan tiyya! maali'i? Hennaa wolgeettan maraafuu faaruu, barumsa, mudhata, afaan harawaan dubbatu'uu fi ka hiikullee maruu ijaaru'uuf haata'u. Ka afaan haarawa dubbatu yoo jiraate, lama yookiin yoo guddate sadi ta'ee kore koree haa dubbatanii, tokko ammoo haa hiikuu. Yoo ka hiiku hin jiraanne ammo woldaa Kiristaanaa wodhaka'atti cadhisee, ufii Rabbiin woliin haa dubbatuu. Raattonni lama yookiin sadi ta'anii haa dubbatanii, kuuwwan ammoo adda isaanii haa baasanii. Worra achi taa'an ka biraatitti wonti tokko yoo isaa ifeef ka duraa haa cadhisuu. Maruu akka baratuuf maruu akka gorfamuuf raaga dubbachuu hin dandeettan. Ayyaanni raattotaa, raattotaaf ajajama; Rabbii Waaqa nagayaati malee, Waaqa wocaa waan hin taaneef. Woldaa Woyyuu Kiristaanaa marattuu akkanuma. Dubartoonni woldaa Kiristaanaa keessatti haa cadhisanii. Seerri akkasuma akka jedhu akka ajajamtaniif malee, akka dubbatan waan isaanii hin eeyyamamneef. Dubarti'iif woldaa Kiristaanaa wodhaka'atti dubbachuun fokkuu waan ta'eef, woma kamuu baratuu yoo fedhan, mana ufiititti abbaa manaa ufii haa gaafatanii. Maali'i? Dubbiin Rabbii isin biraa dhufee? Yookiin gara keessan callaa gayee? Eennullee raaga yookiin nama Ayyaanaa waan ta'e yoo itti fakkaate ka isinii barreesse kun ajaja Goofta'aa akka ta'e haa beeku. Eennullee namni kana hin beenne yoo jiraate, inninuu hin beekin. Kanaaf obboleeyyan tiyya! Raaga dubbachu'uuf jabeessa'aa barbaadaa'a; afaan haarawaan dubbachuu hin dhoogginaa'a. Haata'uu ammoo, maruu haalaa fi seeraan haata'u. Obboleeyyan tiyya! Ka ani isinitti lallabe ka isinillee fudhattanii ittiin dhaabattan, akkasuma dubbii Rabbii ka fayyitaniin isin yaadachiisa. Yoo duwwaa amantan malee dubbii attamiitiin akka isinitti lallabe isin qaabsisa. Ani waan fudhadhe waan maraa dura dabarsee isinii kenne, akkuma kitaabni jedhu; Kiristoos waan cubbuu keennaatiif du'ee awwaalame; akka kitaabni jedhe guyyaa sadaffa'aatitti ka'ee, Keefa'atti mudhate; achiin maayii kudha lamaanittu mudhate. Achiin maayiillee obboleeyyan dhibba shanii caalanitti hennaa tokkoon isaanitti mudhate. Isaan keessaallee garri caalu haga ammaa hin jiran. Gari gariin ammoo du'aniiran. Achiin maayii Yaaqoobii fi ergamoota marattuu mudhate. Maraayyuu maayessa ammoo, ana ka akka nama hennaa malee dhalateetitti laakkawamutti mudhate. Ani ergamoota maraayyuu gadi waan ta'eef, Woldaa Kiristaanaa ta Rabbii waan ari'eef, ergamaa jedhamee waamamuun naaf hin ta'u. Haata'uu ammoo, ani ka badhaadha Rabbiitiin ergame. Badhaadhummaan naa kennamellee duwwaa hin turre; isaan maraa caalaa ammoo natu dadhabe; Haata'uu ammoo badhaadhummaa Rabbii ka na woliin jiru malee, anaa miti. Eegasuu anii fi isaanillee sanuma lallabna; isinillee ka amantan sanuman. Kiristoos du'aa akka ka'e yoo ka himamu ta'e, isin keessaa gari gariin du'aa ka'uun hin jiru attamitti jedhan? Du'aa ka'uun worra du'ee yoo hin jiraanne Kiristoosillee du'aa hin kaane kaa? Kiristoosillee du'aa yoo hin kaanee, eeganaa lallabni keenna duwwa'a. Akkasuma amantaan keessanillee duwwa'a. Akkasuma maruu Kiristoosiin jiraattota waan ta'aniif. Akkasuma Kiristoosiin du'aa kaaseera jennee, Rabbii waan ranneef, sobdoota ragaa Rabbii taanee argamneerra. Worri du'an du'aa yoo ka hin kaane ta'e, isa hin kaafneen. Worri du'an yoo ka hin kaane ta'e, Kiristoos hin kaane kaa? Kiristoosillee yoo hin kaanee amantaan keessan duwwa'a. Isinillee haga ammaa cubbu'uun jiraattan. Eegasuu worri Kiristoositti amanee du'e badeera jechu'u. Jireennuma tana calla'aan yoo Kiristoosiin abdii godhanneerra ta'e, namoota maraa caalaa nu nama womaa hin beenne ka gaddaniif. Amma ammoo Kiristoos worra du'anii hangafa ta'ee du'aa ka'eera. Duuti karaa namaatiin waan dhufteef du'aa ka'iinsi worra du'ee karaa nama tokkootiin dhufte. Akkuma namni maruu karaa Aadamiitiin du'an, akkasuma maruu Kiristoosiin jiraattota waan ta'aniif. Haata'uu ammoo gari gariin kore kore'een ta'a. Kiristoos du'aa ka'u'uun akka hangafaati. Kanaan maayessa ammoo hennaa inni deebi'ee dhufutti, worri du'aa ka'an ka Kiristoosiiti. Henna'aan maayii jeennata isaa Rabbi Abbaa isaatii dabarsee hennaa kenne, bulchu'uuf baallii maraa haga diigeen maayessa dhuma baraa ta'a. Haga dintoota isaa maraa luka isaa jala godhuufiif jeennanni ta isaati. Diinni maayii diiggamu du'a. «Maraa waan luka isaa jala godheeruuf» Haata'uu ammoo, «Godheera yoo jedhu; Rabbii waan maraa luka isaa jala godhe san akka hin eda'anne kun addaata'a. Wonti maruu haga baallii Kiristoosii jala ta'een maayii, Ilmillee Rabbii waa maraa isa jala godhe san jala uf taasisa. Rabbillee waa maraa guutumati bulcha. Kana yoo ta'uu dhabaate, waan worra du'eetiif jedhanii worri cuuphaman bu'aan isaanii maali'i? Worri du'ellee sirima yoo ka hin kaane ta'e, bikka isaaniitiif worri cuuphaman maali'iif? Nullee hennaa maraa maaf jireenna nama sodaachisu keessa jiraanna ree? Boona Gooftaa kenna Yesuus Kiristoosiif isiniin qabuun kakata'aa, obboleeyyan tiyya ani guyyaa guyyaan du'a. Akka namaatitti Eefesoonitti bineensa woliin yoo wondhaansa baye, yoo ka worri du'e hin kaane; maal na fayyada? «Boru waan duunuuf haa nyaannee dhunnuu.» Hin wollaalinaa'a! «Goshoon badaan amala mishaa namaa baleessa» Qajeellumma'aan damaqaa'a. Cubbuullee hin hujinaa'a; worri Rabbiin hin beenne waan jiraaniif, isin saalfachiisu'uuf kana jedha. Haata'uu ammoo, «Worri du'e attamitti ka'an, nafa attamiitiin dhufan?» Ka jedhu hin jiraata ta'a. Ati gowwaa, sanyiin ati facaaftu uduu hin duune jiraataa hin ta'u. Qamadii facaafta yoo ta'e, ka bifa biraa irraa tokko yoo ta'e, ka facaaftu diqqo'o malee, ka facaaftu ka nafa ta'uu miti. Rabbi ammoo akkuma jaalate nafa kennaa maraa isaan ittisuu akkuma gosa isaaniititti sanyii nafa ufii isaanii kenna. Foon maruu tokkoo miti. Foon namaa ammoo tokko, foon hori'ii ka biraati, foon simbiraa ka birati, foon qurxummi'iillee ka biraati. Akkasuma nafti sami'iillee jira, nafti lafaa jira; haata'uu ammoo ulfinni nafa sami'ii adda, ulfinni nafa biyya lafaallee adda. Ulfinni adu'uu tokko, ulfinni ji'aa ka biraati, ulfinni urjootaa ka biraati, ulfinni urjii tokkoo urjii biraa irraa adda. Du'aa ka'uun worra du'aniillee akkanuma, shamnanaan facaafama. Qaama hin shamneen ka'a. Salphinnaan facaafama; ulfinnaan ka'a. Dadhabbi'iin facaafama; jabeennaan ka'a. Nafa uumamaatiin facaafama, nafa ayyaanaatiin ka'a. Nafti uumamaa yoo jiraate; nafti ayyaanallee akkasuma hin jira. Akkasuma ammoo, «Namni duraa Aadam lubbu'uun jiraataa ta'e» jedhamee barreeffameera, Aadamiin maayessa ammoo Ayyaana jireenna kennu ta'e. Haata'uu ammoo, firrisee ka uumamaa, itti aannee ka Ayyaanaati malee, dura ka Ayyaanaatii miti. Namni dura lafa irraa waan uumameef ka lafaati, namni lammaffaan ammoo samii irraa dhufe. Worri lafa irraa akkuma nama biyya lafaa san; worri samii irraa dhufan akkasuma nama samii irraa dhufe san. Akkuma bifa nama lafa irraa uumamee san uffanne; akkasuma nafa nama sami'iillee hin uffanna. Haata'uu ammoo, obboleeyyan tiyya! Akkana jedha; foonii fi dhiinni jeennata Rabbii dhaaluu hin danda'an. Ka shamullee ka hin shamne hin dhaalu. Kun ka shamu, ka hin shamne uffachu'uuf, ka du'u kunillee ka hin duune uffata. Haata'uu ammoo, ka shamu kun ka hin shamne yoo uffatu, ka du'u kunillee ka hin duune yoo uffatu hennaa san, «Duuti mooyaatamu'uun liqimfame» jedhamee dubbiin barreeffame hin raawwatama. Akkasuma, «Du'a! woraanni kee meeti? Du'a! Mooyachuun kee meeti?» jedhamee dubbiin barreeffame hin raawwatama. Woraanni cubbu'uu du'a; hunni cubbu'uu seera. Haata'uu ammoo karaa Gooftaa kenna Yesuus Kiristoosiitiin mooyannaa ka nuu keennu Rabbii galanni haata'u! Kanaaf obboleeyyan tiyya! Jaalatamtoota dadhabbiin keessan, Goofta'aan duwwaa akka hin taane, waan beettaniirtaniif, worra midhaaffatan ka hin sochoone worra hujiin Goofta'aa hennaa maraa isinii baay'ate ta'aa'a. Woyyoota Rabbiitii birrii wolitti fuudhuu akkuma Woldaa Kiristaanaa ka Galaatiya'aatii seera baase, isinillee akkasuma godhaa'a. Birrii wolitti guruun hennaa ani dhufe akka hin taane, isin keessaa gari gariin keessan jalqaba torbaanii akkuma ta'etti ka qabu irraa hanbisa'aa mana ufii haa kaayuu. Eennuunillee yoo ta'e, worra amanaman namoota isinitti fakkaatan, waan isin arjoomtan san gara Yerusaaleemii akka geessan xalayaa itti kennee isaan erga. Akkasuma ani yoo ka deemuu na woliin deeman. Hennaa deemu Maqedooniyaa keessa waan lufuuf, gara keessan dhufa. Isinillee hulee ani dhaqu maraa, deemsa kiyyaaf akka na gargaartan, maallaataa isin bira tura yookiin hin bubula ta'a. Amma ammoo karaa saniin hennaa lufu isinitti goruu waan hin barbaanneef, yoo Gooftaan jedhe bara ta'e isin bira turu'uuf abdii godha. Efesoonitti ammoo haga Ayyaana shantamaffa'aa tura. Balbali guddaan huji'ii naa banameera, worri na morman ammoo heddu. Ximootiwoos isin bira yoo dhufe, inni sodaa malee isin woliin akka taa'u godhaa'a. Akkuma kiyya akkasuma hujii Goofta'aa waan hojjatuuf, kanaafuu eennullee akka isa hin tuffanne. Haata'uu ammoo obboleeyyan isaa woliin waan isa eeguuf, nagayaan gara kiyya akka dhufu, waan imala isaatii ta'uun gargaara'aan. Waan obboleessa keenna Aphiloosii ammoo obboleeyyan isaa woliin gara keessan akka deemuuf guddisee kadheen ture, Inni ammoo amma dhufuu hin barbaadu, yoo toleef ammoo hin dhufa. Dammaqaa'a; amanta'aan jabaadha'aa dhaabadhaa'a, guddadhaa'a. Isin biratti wonti maruu jaalalaan haata'u. Obboleeyyan tiyya! Maatiin Isxifaanosii hangafa Akaayiyya'aa akka ta'an woyyootallee tajaajilu'uuf akka ufi kennan hin beettan. Worra akka isaanii jiraniif isa woliin hojjatu, worra dadhaban maraaf isinillee akka ajajamtaniif isin kadhadha. Isxifaanosi, Fardonaxisii fi Akaayiqosi garana dhufuun isaanii na gammachisa. Waan hennaa isin na woliin hin jirre na jalaa dhidhate naa guutaniiraniif. Garaa kiyyaa fi garaa keessan gab waan godhaniif, eegasuu namoota akkana jiran kanniin beeka'aan. Woldeenni Kiristaanaa ta Isiya'aa nagaya isinii dhaamaniiran. Aqilaa, Pherisqilla'aa fi woldeenni Kiristaanaa ta mana isaanii jirtu woliin maqaa Goofta'aatiin nagaya guddaa isinii dhaamaniiran. Obboleeyyan maruu nagaya isinii dhaamaniiran. Dhungoo woyyu'uun nagaya wol gaafadhaa'a. Ani Phaawuloos nagaya kana harkuma kiyyaan barreesseera. Gooftaa Yesuus Kiristoosiin ka hin jaalanne yoo jiraate, ka abaarame haata'u. Gooftaa keenna koottu. Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin maraa woliin haata'u. Jaalalli kiyya karaa Yesuus Kiristoosiitiin isin maraa woliin haa ta'u! Amiin! Ka fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e Phaawuloos obboleessi isaallee Ximootiwoos Woyyoota biyya Akaayiyyaa keessa jiraatan maraa woliin woldaa Kiristaanaa Rabbii ta Qorontoos jirtu maraaf. Rabbii Abbaa keenna, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraa badhaadhumma'aa fi nageenni isiniif haata'u. Abbaan gara laafumma'aa fi Waandhi jajjabeenna maraa ta'e Rabbi Abbaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii haa eebbifamu. Inni rakkinna keenna maraa keessatti nu jajjabeessa. Kanaafuu jajjabeenni nu Rabbiin jajjabaannu, worra rakkinna keessa jiran maraa jajjabeessuu hin dandeenna. Rakkinni Kiristoosii nu irratti akka guddate akkasuma jajjabaachuun karaa Kiristoosiitiin waan nu baayi'atuuf. Haata'uu ammo rakkinni yoo nurra gaye, waan jajjabaachuu keessaniitiif, waan fayyuu keessaniitiif, yoo jajjabaannellee nu akkasuma rakkinni rakkannu waan isin dhaabattanii fi jajjabaattaniif. Abdiin keenna ka nu waan keessaniif qabnu ka hin sochoone. Rakkinna keenna akkuma qoodamtan akkasuma jajjabaachuu keenna ammoo akka qoodamtan waan beennuuf. Rakkinna keenna ka Isiya'atti nu irraa gaye obboleeyyan teenna, akka beettan feena. Waan jireenna keennaatuu haga abdii kutannutti hunna keennaa ol haga ta'utti nutti ulfaate. Ee, Rabbii worra du'an du'aa kaasu malee, ufitti akka hin amananne nu'u murtee du'aa akka waan nutti muraniititti nutti dhagayame. Eeganaa wonti nu ittiin uf janyu kana waan ta'eef, ogummaa fooniitiinii miti. Badhaadhummaa Rabbiitiin malee. Woyyummaa Rabbiitii fi qajeellummaa adunyaa tanaa caalla'atti isin bira akka jiraanne sammuun keenna raga'a. Kanatti abdadhee, lammaffaa badhaadha akka argattan, firrisee gara keessan akka dhufu karoorfadheera. Isin keessaa bayee gara Maqedooniya'aa akka deemu, akkasumaa Maqedooniya'aa gara keessan dhufee gara Yihuuda'aa hennaa deemu waan imala kiyyaatiif akka na gargaartan yaade. Eeganaa hennaa kana yaadee karoorfadhu, akka waan salpha'aatitti karoorfadhee? yookaan nama yaada lamaa isaanitti fakkaadhaa? Yookiin akka aadaa namoota adunyaa kanaatiin «Ee» yookiin «Wa'a» jedha'aa waan godhe seetanii? Rabbi ammoo amanama'a, dubbiin isinitti dubbadhu Ee, wa'a fi hin ta'u'u. Nu'u dubbiian naa fi Silwaanosiin ka Ximootewoosiinillee isin wodhakka'atti lallabame Ilmi Rabbii Yesuus Kiristoos, Eeyi'ii fi wa'aa hin ture. Haata'uu ammoo isaan eyiin ta'eera. Abdiin dubbii ka Rabbi kenne maruu, «Ee» dubbi'iin isaan waan ta'eef, Kanaaf Rabbiif ulfinna isaatiif ka nu keessan dubbatu akkasuma «Amiiniin» isaan. Nuuf isin Kiristoosiin woliin akka dhaabannu ka nu dibe Rabbi. Akkasuma ka nu chaappeesse wobii Ayyaana ittiin qabannu ka garaa kennaa keessa kaaye isa. Ani ammoo garaa isinii laafu'uuf jedhee, deebi'ee gara Qorontoosii akka hin dhufne lubbuu kiyya irratti Rabbiin ragaa waama. Nu gammachuu keessaniif isin woliin worra hojjatu malee, amantaa keessan irratti akka isin ajanyuufii miti. Amantaa keessaniin waan dhaabattaniirtaniif. Haata'uu ammoo ani gaddaan gara keessan akka hin dhufne kutadheera. Anillee yoo isin gaddisiise eegasuu ka sababaa kiyyaaf gaddu malee, ka na gammachiisu eennu? Wonti akkasitti isinii barreesseef gara keessan hennaa dhufe worri na gammachiisuun isaan barbaachisu akka na hin gaddisiifneef jedhee, gammachuun kiyya gammachuu isin maraati jedhee isin maraa waan hedadheef. Rakkinna gudda'aa fi dhiphachuu yaadaatiin, imimmaan gudda'aan isinii barreessee waan tureef, kunillee guddisee jaalala isin jaaladhu akka beettaniif malee, isin gaddisiisu'uufii miti. Haata'uu ammoo, eennullee gaddee yoo jiraate, akka isinitti hin ulfaanne gama tokkoon nu maraa malee, ana callaa hin gaddisiifne. Nama akkana jiru, ka isin hedduun keessan adabbiin isin adabdan kun hin gayaani. Namni akkana jiru gadda gudda'aan akka hin liqimfamne isa irraa deebitanii dhiifamsa isaa godha'aatii jajjabeessaa'a. Kanaaf isaan isa woliin jaalala akka jabeessitan isin kadhadha. Kanaaf akkasuma waan barreessee tureef, waa maraanuu worra ajajamu akka taatan qoree beeku'uuf isinii barreesse. Ka isin dhiifamsa gootaniif, anille akkasuma dhiifamsa godhaaf, anillee dhiifamsa yoo godheef; dhiifamsa ka godheef waan keessaniif afoo Kiristoosiititti dhiifamsa godheeraaf. Seexanaan akka hin sobamne, nu yaada isaa waan hin dogoggorreef. Hennaa waan Oduu Nagayaa Kiristoosiitiif gara Xiro'aada'aa dhufe, hujii Rabbiitiif hagamillee balbalti yoo naa baname, Tiitoo obboleessa kiyya waan hin arganneef, yaanni kiyya hara hin baafanne, kanaafuu isaanitti nagaya dhaamadhee gara Maqedooniya'aa ol baye. Haata'uu ammoo karaa Kiristoosiitiin hennaa maraa mooyanna'aan ka asii fi achi nu naanessu ka nuun hulee marattuu urgaa beekkomsaa ibsuu, Waaqaa galanni haata'u. Worra fayyanii fi worra badan biratti nu Rabbiif urgaa Kiristoosii waan taaneef. Isaan kanniiniif urgaa du'aaf ta'u, isaan sanniiniif ammoo nu jireenna urga'aa ka jireennaaf ta'u; waan kanaaf gayaan eennu? Nu akka worra hedduu ka dubbii Rabbii wolitti mammaka'aa gurguratuutii miti. Qajeellummaa san waan hin taaneef; ammoo Rabbiin biraa akka ergamne Kiristoosiin keessa taanee Rabbiin afo'otti dubbanna. Deebinee ufumaa mataa keenna galateeffachuu jalqabnaa? Mo'o akka kaawwanii dhaamsa galatooma'aa gara keessanii yookiin isin biraa nu barbaachisa ta'aa? Isin worra namoonni maruu beekaniif dubbisan dhaamsi garaa keenna keessatti barreeffame isin. Ergaan kun qalamaan uduu hin ta'in, Ayyaana Rabbii jiraata'aatiin dhagaa baxxicha ka dubbiin Rabbii irratti barreeffameen uduu hin ta'in garaa namaa keessatti barreeffameera. Karaa Kiristoosiitiin Rabbiin irratti amantii akkanaa kana qabna. Gawumsi keenna Rabbiin irraa malee akka waan harka keennaan ta'ee waan tokkollee yaadu'uuf nu gaya'aa miti. Innillee akkasumaa Ayyaanaan malee, qube'een waan hin taaneef tajaajiltoota waadaa haarawaa akka tanu nu taasise; qubeen hin ajjeessa; Ayyaanni ammoo jireenna kenna. Seerri Rabbii ka dhagaa baxxicha irratti qube'een qirqidamee kenname ka ulfinnaan mudhate sun ka bada'aa deemu ta'ullee; namoonni Isiraa'elii fuula Muuse'ee ol jedhanii ija isaa keessa laalu haga dadhabanitti tajaajilli du'aa ka qube'ee sun yoo ulfinnaan ta'e; Tajaajilli Ayyaana Woyyu'uun argamu kun ulfinna kana caaluun attamitti hin taane ree? Eeganaa tajaajilli murtii namaatiin dhufu yoo ulfinna qabaate, Tajaajili qajeellummaa fidu ammoo isa caalaa ulfinna fida. Wonti duraan ulfinnaa sun ka ulfinaan isa caaluu biratti yoo laallame; ulfinna waan dhabeef. Sun ka diiggamu'uuf ture ulfinnaan yoo ta'e, ka bara baraan jiraatu ammoo ulfinna guddisee caaluun waan ta'eeruuf. Eeganaa abdii akkanaa kana yoo qabaanne, guddifne ibsinee dubbanna. San ka diiggama'aa ture; dhumatti akka ijoolleen Isiraa'elii xiinxallanii hin laalee akka golgaa Muuseen afoo isaaniititti golgee miti. Haata'uu ammoo yaanni isaanii jal jedhe. Hennaa waadaan duraa dubbifamu golgi sun haga adhaa isaan keessa jiraata. Golgi sun ka diiggamuun Kiristoosiin calla'aan. Haata'uu ammoo haga adhaa kitaabbileen Muuse'ee hennaa dubbifaman maraa golgaan sun garaa isaanii keessa hin jiraata, hennaa gara Goofta'aa garagale ammo golgi maruu hin ka'a. Gooftaan Ayyaana. Hulee Ayyaanni Goofta'aa jiru, wolabumma'atu jira. Kanaafuu nu martii keenna ulfinna Goofta'aa ka golga'aan hin golgamne afoo Goofta'aatitti akka uf arga'aa calalaqu'uun Gooftaa Ayyaana ta'e fakkaanna. Bifa ulfinna Goofta'aatiin ta'u'uu san fakkaannee ulfinnaa gara ulfinnaa jijjiiramna. Sababaa kanaaf haga araara nuu keennameetitti tajaajila kana waan qabnuuf hin dadhabnu. Haata'uu ammo nu waan dhossa'aatii fi waan nama saalfachiisu ganneerra; dharaan hin deddeebinu. Dubbii Rabbii sobaan wolitti hin hin mannu. Dhugaa ibsu'uun waan sammuu nama maraatiif tolu Rabbiin afo'otti goona. Oduun Nagayaa ka nu lallabne kun maal laataa yoo dhokate, worra badan jalaa dhokate. Isaaniifillee ka fakkeenna Rabbii ta'e, ifni ulfinna Oduu Nagayaa ka Kiristoosii akka isaanii hin ifine, waaqa adunyaa tanaa ka ta'e seexannii qalbii worra hin amannee jaamse. Kiristoos Yesuusiin Gooftaa akka ta'e malee, waan ufii waan hin himneef. Waan Yesuusiitiif jennee tajaajilaa keessan taaneerra. Kiristoosiin afo'otti ulfinni beekkomsa Rabbii ifa akka kennu; garaa keenna keessatti ifni ifuun; dukkana keessatti ka ifiti haa ifu jedhe Rabbiin waan ta'eef. Haata'uu ammoo guddinna hunna Rabbii irraa malee, nu irraa akka hin taane akka beekkamu waan kabajjamaa akka mi'a faaraa taanee galmee kana uf keessatti qabanneerra. Karaa maraanuu hin dhiibamna malee, hin dhiphannuu, hin mamna malee, abdii hin kutannu. Hin ari'atamna malee, hin gatamnu, hin kufina malee, hin bannu. Jireenni Yesuusiillee akkasuma foon keenna irratti akka mudhatuuf hennaa maraa du'u Yesuusii nafa keenna irratti baadhannee deddeemna. Jireenni Yesuusii ammoo nafa keenna ka du'u irratti akka mudhatuuf, nu worri jiraatoota taane, sababaa Yesuusiitiin hennaa maraa du'aaf dabarfamnee waan kennamneef. Kanaafuu duuti isaa nu irratti, jireenni isaa ammoo isin keessatti hojjata. Haata'uu ammoo ani amanee dubbadhe jedhamee akkuma barreeffame, Ayyaana amanta'aa sanuma waan qabnuuf; nullee akkasuma hin amanna. Kanaaf dubbanna. Ka Gooftaa Yesuusiin du'aa kaase nullee akkasuma Yesuusiin woliin akka du'aa nu kaasu isin woliinillee akka nu dhiyeessu hin beenna. Karaa namoota hedduutiin badhaadha irraa hafaa; ulfinna Rabbiitiif galata akka guddisu maruu waan keessaniif. Kanaafuu hin dadhabnu; haata'uu ammoo nafti keenna ka gubba'aa yoo badellee nafti keenna ka keessaa guyyama guyya'aan haarawooma. Manni keenna ka ardii tanaa ka akka dukkaana'aatitti keessa jiraannu yoo diiggamellee mana harka namaatiin hin ijaaramne ka Rabbii sami'iitiin ijaarame akka qabnu waan beennuuf. Waan kana keessatti dhugamaan wixxifanna mana keenna ka sami'ii san uffachuu dharraana. Uffannee qullaa hin taanu. Dhugamaan yoo ka hin duune uffanne qullaa taanee hin argamnu. Haga dukkaanaa kana keessa jiru nutti ulfaatee wixxifanna. Sababaanillee ka du'aa ta'ee jireennaan akka liqimfamuuf nafa jireenna sami'iillee akka uffannuuf malee, akka qullaa taanuufii miti. Ka kanaaf nu uume Rabbi. Innillee waan nuuf kennamu maraaf akka qabdii ta'uuf Ayyaana ufii nuu keenne. Kanaafuu hennaa maraa amanamnee amanti'iin jiraanna malee, laalu'uun hin jiraannu. Hennaa nafa fooniitiin jiraannu Gooftaa irraa fooyamnee baqa keessa akka jirru yoo ka beennu ta'e, amanamneerra. Keessattuu nafa akka mana keennaa ta'e kana irraa adda baanee baqa keessa jiraata'aa Gooftaa woliin jiraachu'utu nu gammachiisa. Kanaafuu akkasuma nafaan jiraannee, yookiin jiraachuu yoo baannellee, worra isa gammachiifnu ta'uu hawwina. Namni martinuu nafa ufii irratti waan mishaa ta'e, waan hamaa hojjatee, akkuma hujii ufiitiin waan gatii argatuuf nu maruu teessoo murtii Kiristoosii afoo dhaabanna. Eeganaa sodaa Goofta'aa beenneeti namoota hubachiifna. Nullee maal akka taane Rabbi hin beeka. Sammuu keessaniinillee akkasuma akka ifa taane abdii godha. Worra keessa isaaniitiin uduu hin ta'in waan diidaa mudhatuun uf jajaniif deebii isaanii deebiftan akka qabaattan akka nuun boontan, sababaa isinitti himna malee, uf isinii galatoonfatu'uufii miti. Yoo maraannellee Rabbiif jenneeti. Worra qalbii qabu yoo taane isiniif jenneeti. Kana waan murteeffanneef jaalalli Kiristoosii nu giddisiisa. Tokkochi maraafuu du'e. Eegasuu namni maruu du'aniiran. Worri lubbu'uun jiraanillee ka isaaniif du'ee du'aa ka'eef malee, duranaa akka ufiif hin jiraanne maraafuu du'e. Kanaafuu ammaa achi eennuttillee fuula laala'aa hin murteessinu; Akki Kiristoosiin itti laalle ija laalcha fooniitiinillee yoo ta'e, ammaa achi haala kanaan hin laallu. Kanaafuu eennullee Kiristoosiin keessa yoo ta'e, uumama haarawa. Wonti moofaan lufeera. Kunoo maruu haarawa ta'eera. Wonti ta'e maruu Rabbii karaa Kiristoosiitiin ufiin wolitti nu araarsee fi tajaajila araarsu'uullee nuu kenneen; Waan Rabbi Kiristoosiin keessaan adunyaa ufiin wolitti araarsa'aa tureef. Cubbuu isaaniillee isaanitti hin laakkawu, nu keessallee dubbii araaraa kaaye. Eeganaa Rabbi karaa keennaan namoota waan waamuuf nu ergamtoota Kiristoosiiti. Nu kanaaf Rabbiin araaramaa jennee maqaa Kiristoosiitiin isin kadhanna. Nu isa keessa taaneeti Rabbiif qajeelaa akka taanu; Kiristoosii cubbuu hin qabne akka cubbuu keenna maraa baatu cubbamaa taasiseen. Nu isa woliin hojjata'aa, badhaadhummaa Rabbii akkanumaan akka hin fudhanne akkasuma hin kadhanna. Rabbi, «Hennaa malutti ani si dhagayeera; guyyaa fayyinnaallee, ani si gargaareera» waan jedhuuf; Kunoo hennaan malu amma; guyyaan fayyinnaallee amma. Akka tajaajilli keenna hin shakkamne waan tokkottillee guufuu hin taanu. Haata'uu ammoo, waa maraanuu akka tajaajiltoota Rabbiititti uf dhiyeessina. Jabaannee dhaabachu'uun, rakkinnaan midhamu'uun, dhiphachu'uun, Tumamu'uun, hidhamu'uun, raafamu'uun, dadhabbi'iin, hirriba dhabu'uun, soomu'uun, Qulqullinnaan, beekkomsaan, obsaan, arjumma'aan, Ayyaana woyyu'uun, jaalala fakkeessaa hin qabneen, Dubbii dhuga'aatiin, hunna Rabbiitiin, meeshaa woraana qajeellumma'aa harka mirgaatii fi harka bita'aatitti qabachu'uun, Ulfinnaa fi salphinnaan, maqaa badu'uu fi maqaa tolu'uun jiraanneerra. Nu worra dhuga'aa taanee uduu jiru dogoggorsitoota jedhamne. Worra hin beekkamne uduu jedhamnu nu ammoo worra beekkame. Waan duunu uduu fakkaannu nu ammoo jiraattota; hin adabamna malee hin ajjeefamnu. Worra gaddu uduu taanu hennaa maraa hin gammanna. Hiyyeeyyii taanee, namoota hedduu dureeyyii goona, worra womaa hin qabne fakkaannullee, wonti maruu keenna. Isin namoota Qorontoosii afaan keenna isiniif banameera, garaan keennallee isiniif badhateera. Isintuu garaa nu dhoffate malee, nu garaa isinitti hin dhoffanne. Isin ijoollee tiyya waan taataniif akkana isiniin jedha. Akkuma nu garaa keenna isinii banne, isinillee garaa keessan nuu banaa'a. Worra hin amanne woliin deemsa hin tolleen wolitti hin hidhaminaa'a. Qajeellummaan dhara woliin firooma maal qaba? Ifnillee dukkana woliin tokkummaa maal qaba? Kiristoos daabiloosiin woliin wolii galtee maal qaba? Yookiin ka amanu ka hin amanne woliin tokkummaa maal qaba? Manni Rabbii woyyuun, waaqa tolfamaa woliin firooma maal qaba? «Nu mana woyyuu Rabbii jiraata'aa waan taaneef, akkasuma Rabbi akkana jedhee dubbate; Ani isaan keessa jiraadha, isaan wodhakkaa deddeebi'a; Waaqallee isaanii ta'a. isaanillee banii kiyya ta'an» Eeganaa jaalatamtoota kiyya dubbii abdi'ii kana yoo qabaanne, sodaa Rabbiitiin woyyummaa guutuu godhu'uun waan nafa kennaaf ayyaana keenna batteessu maraa irraa uf haa qulqulleessinuu. Isin garaa keessan nuu badhisaa'a. Isin garaa keessan nuu badhisaa'a, nu eennuunillee hin yakkine. Eennuunillee hin miine eennuunillee hin sobne. Kana murti'iif hin jedhu, tokkumma'aan du'u'uuf tokkumma'aan jiraachu'uuf, garaa keenna keessa akka jirtan firrisee jedheera. Waan keessaniif amantaan kiyya gudda'a, sababaa keessaniif guddisee boona; guddisee jajjabaadheera; rakkoo keenna maraa keessatti ani hin gammada. Hennaa gara Maqedooniya'aa dhufne waa maraanuu rakko'otu nu irra gaye malee, hara hin baafanne. Diida lolatu jira; keessa ammoo soda'atu jira. Haata'uu ammoo Waandhi worra gaddan jajjabeessu dhufa Tiito'ootiin nu jajjabeesse. Dhufuu isaa calla'aanii miti. Haata'uu ammoo, nuu yaaduu keessaniif booyicha keessan waan kiyyafillee hinaafuu keessan hennaa inni nutti himu, jajjabeenna nu isiniin jajjabaanneen akkasuma ka duraa caalaa gammanneerra. Dhaamsi kiyya yoo isin gaddisiisee jiraate hin gaabbu, yoo gaabbellee dhaamsi sun hennaa diqqo'oof qofa akka isin gaddisiisee waan arga'aaruuf. Amma ammo gammadeera, wonti gammadeef waan isin gaddisiiseef uduu hin taane, sababaa gadda keessaniitiif aagii galtanii waan jijjiiramtaniif. Gaddi akka fedha Rabbii ta'e, ka gaabbiin keessa hin jirre, waan aagii gara fayyinnaa nama geessu ta'eef. Gaddi adunyaa tanaa ammoo du'a fida. Gaddi akka fedha Rabbii ta'e kun jabaachuu attamii, deebii attamii, lola attamii, sodaa attamii, yaaduu attamii, hinaaffaa attamiitii fi gadoo bayuu attamii isin jiddu'utti godhe. Waan kanaan woyyoota akka taatan waan maraanuu hubachiiftaniirtan. Eeganaa waan isinii barreessellee yoo ta'e, jabeenni waan keennaaf qabdan; isin biraa Rabbiin afo'otti akka mudhatuuf malee, waan ka yakkeetii fi yookiin waan ka yakkamee hin barreessine. Kanaaf jajjabaanneerra. Waan jajjabaachuu keennaatii fi waan gammachuu Tiito'ootiif guddifnee gammanne. Qalbiin isaa isinitti waan harabaafateef. Isaaf waan keessaniif yoo dhaadadhe waan hin saalfanneef, haata'uu ammoo waa maraa isinitti dhuga'aan akka dubbanne akkasuma ammoo boonuun keenna afoo Tiito'ootitti dhugaa ta'e. Kanaaf soddachu'uu fi hollachu'uun attamitti akka isa simattan ajajamuu keessan maraa yaada'aa jaalalti inni isiniif qabu kana caalaa eda'ameera. Waan maraanuu waan isin abdadheef guddisee gammadeera. Obboleeyyan tiyya, badhaadha Rabbi woldoota Kiristaana Maqedooniya'aatiif kenne isin beessifna. Rakkinna gudda'aan qoramanii uduu jiran, guddinni gammachuu isaaniitiif hiyyummaa isaanii guddisee baayi'atullee, kennaa isaaniitiin duroomaniiran. Haga hunna isaaniitiin waan hunna isaanii caalu fedhaan akka kennan waan isaanii isinii raga. Tajaajila woyyootaa ta'uun akka hirmaattan, arjummaa kana kadhaa gudda'aan nu kadhata'aa turan. Dura dursanii fedha Rabbiitiif, nuufillee uf kennan malee akka nu yaannee miti. Kanaaf Tiitoon akkuma firrisa jalqabeen akkasuma hujii arjumma'aa kana isin birratti akka raawwatuuf isa kadhanne. Haata'uu ammoo waa maraanuu amanta'aaf dubbi'iin, beekkomsaan, ciminna maraan nuufillee jaalala keessaniin bu'aa akkuma qabdan hujii arjumma'aa kanaanillee akkasuma bu'aa qabaadhaa'a. Akka nama ajaja kennuu kana hin jedhu, haata'uu ammoo karaa ciminna worra biraatiin dhugaa jaalala keessanillee akkasuma qoru'uuf kana jedha. Kennaa arjummaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii waan beetaniirtaniif, dureessa uduu ta'u, isin hiyyummaa isaatiin akka dureeyyii taatan waan keessaniif hiyyeessa ta'e. Waan kana irratti gorsa isinii kenna: Bara dheengaddaatii jalqabdanii hujuu callaa uduu hin taane, akkasuma yaadu'uufillee ka firriftanii jalqabdan kun waan isin fayyaduuf. Kanaaf, yaanni fedhi'iin kennuu keessanii hujii irra oolee akka raawwatamu haguma dandeettaniin waan yaaddan san ammuma raawwadhaa'a. Fedhiin mishaan yoo jiraate haguma qabuun ka jaalatame ta'a malee, haga hin qabineenii miti. Kaawwaniif harabaafannaa, isiniif rakkinna akka ta'uufii miti. Sirrii akka ta'uuf malee. Bu'aan isaanii akkasuma hanqinna keessan akka guutu, hennaa tana bu'aan keessan dhidhinna isaanii haa guutuu; sirri'itti akka ta'u akkuma akkana jedhamee barreeffame. «Ka guddaa kuufate, bu'aa hin buufanne. Ka diqqoo kuufatellee womaa jalaa hin dhidhanne.» Waandhi onnee Tiito'oo keessa waan keessaniif jabeenna kaaye haa galatoomu. Inni gorsa keenna waan fudhateeruuf ciminni ammoo waan itti baay'ateef fedhii ufiitiin ka'ee gara keessan dhufa. Waan Oduu Nagayaa lallabu'uutiif obboleessa keenna jaalatamaa woliin gara woldaa Kiristaanaa maraa hin ergina. Kana calla'aa miti. Haata'uu ammoo ulfinnuma Goofta'aatiif kama jaalala fedha keenna mudhisu'uuf hujii arjumma'aa ka tajaajilu'uu kana nu woliin akka qoodamu woldaa tokkumma Kiristanaatittillee filameera. Kennaa akkanumaan tajaajillu kanaaf eennullee akka nu hin tuffanne uf eegganna. Afoo Gooftaa calla'atti uduu hin ta'in; akkasuma afoo namaatittillee waan mishaa waan yaannuuf. Hennaa heddu waan hedduun qoree, akka inni cimaa ta'e waan argineef; ammallee guddisee waan isin hedatuuf; obboleessa keenna Tiitoo fa'a woliin hin ergina; inni ta duraa caalaa guddisee jaba'a. Waan Tiito'oo ka isin gaafatu yoo jiraate, inni goshoo kiyya ka na woliin hojjatu; waan obboleeyyan teennaallee ka gaafatu yoo jiraate, isaan ergamtoota woldaa Kiristaanaatiif ulfinna Kiristoosiiti. Eeganaa waan jaalala keessaniitiif waan boona nu isiniin boonnuu, tokkummaa woldaa Kiristaanaa afo'otti isaaniitti ibsaa'a. Waan tajaajila woyyootaatiif ta'u isinii barreessuu na hin barbaachisu. Fedha keessan mishaa waan beekuuf, jajjabeenni keessanillee kaawwan kakkaase, «Waan Worri Akaayiyya'aa bara dheengaddaa irraa jalqabee godheef» worra Maqedooniya'aa biratti isiniin boona. Haata'uu ammoo akkuma isaaniin jedhe worra qophooftan akka taatan waan kanaanillee boonni ani isiniin boonu duwwaa akka hin taane, obbooloota erga. Maal laataa namoonni Maqedooniya'aa na woliin dhufan uduu isin hin qophoofne yoo isin argan isin qofa uduu hin ta'in; nu worri isin abdannellee hin saalfanna. Obboleewwan naan dura gara keessan dhufanii, gargaarsa arjoomu'uuf waadaa galtan dura keessan akka qopheessitan akka isin qaabsiisaniif isaan gara keessan erguun barbaachisaa akka ta'e yaadeera. Kanallee akkana jedha, «Ka diqqoo facaasu diqqoma haamata. Ka guddisee facaasu akkasuma guddisee haamata» Rabbi ka gammachu'uun kennu waan jaalatuuf, marti isaaniitu akkuma garaa ufiititti yaadeen haa keennu; gaddaan yookiin giddi'iin akka hin taane. Ka facaasuu sanyii, ka nyaatuufillee xoroshoo guddisee ka kennu sanyii facaaftan isinii kenna. Isinii barakachiisalle'e; daraaraa qajeellumma'aa keessanillee isinii guddisa. Karaa keennaan nu'u kennaa galata Rabbiitiif sababa ta'u mara akka mudhiftaniif waa maraanuu dureeyyii akka taataniif. Tajaajilli gargaarsaa kun woyyoota jalaa waan hanqatu marumaa ka guutu callaa uduu hin taane, Rabbiifillee galata guddaa akka dhiyeessan godha. Tajaajila kanaan waan qoramtaniif Oduu Nagayaa Kiristoosii amantanii ajajamuu keessaniin isaanii fi worra biraallee gargaarsa arjumma'aa kanaan Rabbiin kabajjan. Isaan hennaa isinii Rabbiin kadhatan badhaadhummaa waa maraa caalu saniif isin yaadan. Kennaa isaa ka hagana hin jedhamneef, Rabbiin galanni haa gawu. Anuu Phaawuloosi hennaa isin bira jiru, nama kaso'o jedhame; hennaa isin biraa fagaadhu ammoo nama ija jabaatu jedhame; garalaafumma'aa fi fayyalummaa Kiristoosiitiin isin gorsa. Akka waan aadaa biyya lafaatitti jiraannuu worra nu laakkawanitti amannee ija jabeennaan worra gari'itti dubbachuu yaaleera. Amantii kanaan ammoo isin birattillee akka waan ugguutitti akka na hin laakkoofne isin kadhadha. Yoo ka akka adaa namaatitti jiraannu ta'ellee akka adaa namaatitti hin lolu. Meeshaan keenna ka lolaa ka foonii waan hin taaneef kushee nama dhossuu diigu'uuf ammoo Rabbiin afo'otti cima'a. Yaada namaallee ka beekkomsa Rabbii irratti kakka'u waan ol ka'e maraa hin diinna. Kiristoosiif ajajamu'uun sammuu maraa boojina. Hennaa ajajamtan, ajajamuu diduu mara haluu bayu'uuf qophoofneerra. Ka afoo keessan jiru laalaa'a. Eennullee ka Kiristoosii ta'uu ufii yoo hubate, nullee ka isaa ta'uu keenna haa hubatuu. Akkuma inni ka Kiristoosii ta'e, nullee akkasuma ka isaati. Kanaafuu baallii Gooftaan nuu keenneef yoo guddaa uf jajellee itti hin saalfadhu. Baalliin kun isin ijaaru'uuf malee, isin diigu'uufii miti. Eergaa kiyyaan waan isin naasisu isinitti hin fakkaatin. «Eergaan suniinillee ulfaata'aa fi jaba'a, nafti isaa ammoo yoo laalan dadhaba'a. Dubbiin isaallee tuffatama'a» waan jedhaaniif. Hennaa fagoo jirru, karaa dhaamsa keennaatiin dubbi'iinillee akkuma dubbanne akkasuma hennaa afoo jirru huji'iinillee akkasuma akka taane haa hubatanii. Worra uf galatoomfatan gari garii woliin uf laakkayuu yookiin isaaniin wol bira uf qabuu waan hin uggineef, haata'uu ammoo isaan uf woliin yoo uf madaalan ufumaa wol bira qabanii uf waan laalaniif hin hubbatan. Nu ammoo akka Rabbi nuu murteesse haga isin bira geennuufillee hulee tajaajila Rabbi nu kenneetitti uf ijaarra malee, hagaa olitti hin boonnu. Nu hennaa gara keessan dhufne hulee nuu kenname waan hin lufneef, Oduu Nagayaa ka Kiristoosii lallaba'aa isin bira geenne. Gowwummaa tiyya diqqo'otti uduu naa obsitanii mishaa ta'a; ta'ullee dhugamaan naa obsaa'a. Hinaaffaa Rabbiitiin isinii hinaafa'aa akka durba qulqullittii duuda'aatitti Kiristoosiif isin dhiyeessu'uuf dhiira tokkoof isin qaadhimeera. Haata'u ammoo akkuma bofin dharaan Hawwaa dogoggorse, yaanni keessan badee maal laataa qajeellumma'aa fi qulqullinni Kiristoosiif ta'u akka hin jijjiiramne sodaadha. Ka dhufullee ka nu isinitti hin himne Yesuusii biraa yoo isinitti hime yookiin Ayyaana hin arganne ka addaa yookiin Oduu Nagayaa hin fudhanne ka addaa yoo argitan akka misha'atti obsitan. Ergamoota ijoo sanniin keessaa waan tokkoonillee akka waan isaan hanqadheetitti uf hin laakkawu. Dubbii kiyyaan nama baratellee yoo hin fakkaanne, beekkomsan ammoo akkanaa miti. Haata'uu ammoo nama maraa wodhakka'aatti waan maraanu isinitti mudhanneerra. Mo'o Oduu Nagayaa Rabbii mindaa malee waan isinitti himneef; akka isin ulfaattaniif mataa kiyya waan gadi qabeef cubbuu hojjadhee laata? Isin tajaajilu'uuf mindaa fudhata'aa tokkummaa Woldaa Kiristaanaa saamee! Isin woliin uduu jiru hennaa na jalaa hanqate eennuttillee hin ulfaanne; obboleewwan Maqedooniyaa irraa dhufan waan na jalaa hanqate maraa na kennaniiran. Woma maraanuu akka isinitti hin ulfaanne uf eege, uf eegalle'e. Dhugaan Kiristoosii akka na keessa jiraatu boonuun kun ana biratti biyya Akkayiya'aatitti hin dhooggamu. Ani waan isin hin jaalanneef kana jedhaa? kana Rabbi hin beeka. Haata'uu ammoo waan uf jajan saniin akka keenna ta'anii argamu'uuf worra sababa soqan, sababaa isaan irraa hambisu'uuf waan amma godha'aaru ammaa achillee akkasuma godha. Namoonni akkanaa kunniin ergamtoota Kiristoosii fakkaatu'uuf uf jijjira'aa worra kijibdootaa fi ergamtoota dhara hojjatan. Kunillee waan nama maalalchiisuu miti. Seexanni mataan isaa Maleekkaa ifaa fakkaatu'uuf waan uf jijjiiruuf Eeganaa tajajiltoonni isaallee tajaajiltoota qajeellota fakkaachu'uuf yoo uf jijjiiran waan gudda'aa miti. Dhumti isaanii akkuma hujii isaanii ta'a. Ammallee akkana jedha; nama kamiifillee gowwaa waan ta'e isatti hin fakkaatin. Yoo gowwaallee isinitti fakkaadhe, diqqoo akka boonu akka gowwa'aatitti na laakkayaa'a. Akkana amanamee yoo boonu ka dubbadhu gowwumma'aan malee akka Gooftaan na ajajetti hin dubbadhu. Hedduun waan biyya lafaatiin waan uf jajaniif anillee akkasuma uf jaja. Isin qaroo waan taataniif gammachu'uun worra gowwootallee waan obsitaniif. Eennullee yoo garbicha isin godhate, eennullee yoo isin nyaate, eennullee yoo isin saame, eennullee yoo isinitti uf jaje, eennullee boqoo keessan dhabanaasa'aan yoo isin dhaye hin obsitan. Akka nu waan akkasii irratti dadhaboota fakkaannee turre ani saalfata'aa dubbadha. Haata'uu ammoo ani gowwumma'aan akkana jedha. Ugga eennullee ugguun anillee akkasuma hin ugga. Isaan Ibrootaa? Anillee akkasuma; Isaan gosa Isiraa'eliitii? Anillee akkasuma. Isaan fiixaa Abrahaamiitii? Anillee akkasuma. Isaan tajaajiltoota Kiristoosiitii? Akka nama maraatee dubbadhaa, natu caala, dadhabbii gudda'aan, guddisee tumamu'uun; hidhamu'uun bu'aa argadhee hennaa hedduu du'uu gaye. Yihudonni afurtama ta'uu tokko hanqoo hennaa shanii shabbeenaan na tuman. Hennaa sadihii ule'een dhayame; hennaa tokko dhaga'aan na dhayan; dooniin kiyya harka sadihii cabee, guyya'aa fi halkan galaana irra oolee bule. Hennaa hedduu karaa deeme, sodaa lagaa, sodaa saamtu'uutiin, sodaa gosa kiyyaa, sodaa worra Yihuudii hin taanee, sodaa qachaa keessaa, sodaa lafa gammoojji'ii, sodaa galaanaa, sodaa kijiba obbolootaa fa'aan sodaata'aa ture. Dadhabbi'ii fi xaariin hennaa hedduu hirriba dhabu'uun, beelaa fi dheebu'uun hennaa hedduu soomu'uun qorra keessa qullaa ture. Waan hafe uduu hin laakkayin guyya guyya'aan wonti natti ulfaatu yaada tokkummaa woldaa Kiristaanaa ti. Ka hin dadhabne eennu? ani hin dadhabuu? Ka cubbuu keessa hin seenne eennu? yoo san ani hin aaruu? Boonuun yoo ka barbaachisu ta'e waan dadhabbii kiyya keessatti ta'uun boona. Ka baraa haga bara baraa eebbifamaa ta'e Waandhi Abbaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii akka ani hin kijibne na beeka. Hennaa ani Damasqoo ture, namichi Mooticha Arixoyoos jedhamu jalatti ummata bulchu na qabu'uuf balbala qacha'aa eessisa'aa ture. Haata'uu ammo qaalawa dallawaatiin keeshee keessa na buusanii jalaa baye. Uf jajuun hin barbaachisa. Haata'uu ammoo womaa hin fayyadu, yoo uf jajuu barbaadee manaaba Rabbi naa kenneen uf jaja. Ani nama Kiristoositti amane tokko beeka; namni kun woggaa kudha afuriin dura haga samii saddaffa'aatitti ol fudhatame; akki inni ol fudhatamellee fooniin ta'ee yookiin hafuuran ta'ee hin beeku; Rabbii ammoo hin beeka. Ufii ammoo namni kun gara hulee jeennataa akka ol fudhatame hin beeka; Haata'uu ammoo, fooniin ta'uu yookiin ta'uu dhabuu hin beeku. Rabbi hin beeka. Inni waan dubbii namaatiin himamuuf dubbii namni dubbatuu hin dandeenne dhagaye. Ani nama akkana jiruun boona. Waan kiyya ammoo, dadhabbii kiyya malee waan boonuun hin qabu. Ani dhugaa waan dubbata'aaruuf, boonuu uduu barbaadee gowwaa hin ta'u; Haata'uu ammoo, eennullee waan na irratti argee fi waan na irraa dhagaye caalchisee akka na hin laakkoofneef, boonuu dhiiseera. Kanaaf guddinna manaabaatiin akka hin boonne, ergamaa seexanaa ka foon kiyya qucutu naa kenname. Kunillee akka ani uf hin janyeef. Kanaaf wonti kun akka na irraa ka'uuf hennaa sadihii Gooftaa kadhadhe. Innillee, «Kennaan kiyya si gaya; hunni kiyyallee dadhabbii kee keessatti raawwatama naan jedhe; eeganaa hunni Kiristoosii akka na keessa buluuf gammachuu gudda'aan dadhabbii kiyyaan boonuu jaaladha. Kanaaf waan Kiristoosiitiif dadhabbiin, xaaruun, rakkoon, ari'amu'uuf, dhiphachu'uun hin gammada. Yoo dadhabe waan hennaa san jabaadhuuf. Waan booneef gowwaa ta'eera. Isin na giddisiiftan; isin silaa worra na galatoonfatu. Ani yoo womaa hin taanellee, ergamoota ijoo womanuu hin hanqadhu. Dhuga'aan malkanni ergamoota isin jiddu'utti malkataa fi waan maalale'eetiin ajaa'ibni marti obsaan ta'e. Ani ufii yoo isinitti ulfaachuu dhabadhe, kanaa achi woldaa biraa wonti hanqattaniin maali'iin ree? yakka kiyya kana naa dhiisaa'a. Gara keessan dhufu'uuf qophayuun kiyya kun kunoo hennaa sadaffa'aati. Isinittillee hin ulfaadhu, isin malee waan isin qabdan waan hin barbaanneef abbootatu ijoolle'ee birrii kaaya malee, Ijoolleen abbootaaf birrii kuusuun hin ta'u. Ani ammoo waan lubbuu keessaniitiif gammachuu gudda'aan birrii kiyya kaffala. Ufillee yoo ta'e, hin kaffalla; hagaa olitti yoo isin jaaladhe, waan kanaaf jaalalli keessan hin hanqataa? Haata'uu ammoo ani isinitti hin ulfaadhu. Malaa fi sobaan waan harkatti isin galfadhe seetanii? Karaa namoota gara keessan ergeetiin isin sobee? Tiitoo gorseera. Isa woliin obboleessa isaa erge, Tiitoon isin sobee? Ayyaana tokkoon hin jiraannee? fedhii tokkoon hin jiraannee? Waan keessaniif hennaa maraa waan uf qusannu isinitti fakkataa? Afoo Rabbiititti Kiristoosiin keessa taanee; dubbanna. Haata'uu ammoo jaalatamtoota, nu isin ijaaru'uuf maraa dubbanna. Hennaa ani gara keessan dhufu akka ani barbaadu taatanii isin arguu dhabuu danda'a. Anillee akka isin jaalattan san uduu hin ta'in, na argitan jedhee sodaadha. Maallaataa mormiin, hinaaffaan, lolli, diiggaan, hamiin, hasaassiin, boonuun, raafamnillee hin ta'a. Deebi'ee yoo dhufu isin birratti Waandhi kiyya akka na hin salphifne worra dura cubbuu hojjatanii fi waan battii godhaniif seebarrii, waan worra aagii hin galinii waan namoota hedduu maallaataa hin gadda jedhee sodaadha. Gara keessan dhufuun kiyya kun hennaa sadaffa'aati. «Wonti maruu ragaa lamaa fi sadihiin mirkanaaya» Dadhabbi'iin fannifameera. Haata'uu ammoo, hunna Rabbiitiin jireennaan jiraata. Nullee akkasumaa isa woliin waan dadhabneef. Haata'uu ammoo waan isinii ta'een hunna Rabbiitiin isa woliin jireennaan jiraanna. Isin amanta'aan jiraatu'uuf, jiraatuu dhabuu keessan uf qora'aa uf laalaa'a; maal laataa yoo ka gayumsa hin qabne waan isinitti fakkaate, Yesuus Kiristoos isin keessa akka jiru hin beettanii? Nu ammoo worra gaye akka hin taane akka beettan abdii godha. Waan hamaa akka hin goone, Rabbiin isinii kadhanna; Nu worra gayumsa qabu taanee mudhatu'uufii miti. Haata'uu ammoo nu hagamillee yoo worra gayumsa hin qabne taane, isin hennaa maraa waan mishaa akka gootaniif. Nu dhuga'aaf hojjanna malee, dhugaa irratti mormii hin qabnu. Nu dadhabnee, isin jabaa hennaa taatan waan gammanneef. Isin guutuu akka taatan, kanaafillee akkasuma hin faateffanna. Ani hennaa gara keessan dhufu wonti Gooftaan baallii naa kenneef, isin diigu'uuf oduu hin taane, baallii naa kennameetti fayyadamee isin ijaaru'uuf, akka isin hin miineef fagoo taa'ee, waan kana isinii barreesseera. Waan hafeen obboloota tiyya nagayaan taa'aa'a. Guutuu ta'aa'a; gorsa kiyya dhagayaa'a; yaada tokko ta'aa'a; nagayaan jiraadhaa'a; Waandhi jaalalaatii fi nagayaa isin woliin ta'a. Dhungoo woyyu'uun nagaya wol gaafadhaa'a. Woyyoonni maruu nagaya isinii dhamaniiran. Ayyaanni Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii, jaalalti Rabbiitii fi tokkummaan Ayyaana Woyyu'uu isin maraa woliin haa ta'u. Amiin! Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraa badhaaninii fi nageennillee isinii haa ta'u! Akka fedha Rabbii abbaa keennaatitti bara hamaa kana keessa nu fayyisu'uuf jedhee, Kiristoos waan cubbuu keennaatiif dabarsee uf kenne. Baraa haga bara baraatitti Aabba'aaf ulfinni haata'u! Amiin. Ka badhaadha Kiristoosiitiin isin waame irraa gara galtanii gara Oduu Nagayaa ka biraatitti ariifatannii deebi'uun keessan na maalalchiisa. Akkana jechuun Oduun Nagayaa ka biraa hin jira jechu'uu miti. Ta'ullee worri Oduu Nagayaa Kiristoosii irraa isin raasu'uu fi isin dabsuu barbaadan namoonni tokko tokko hin jiran. Haata'uu ammoo nullee yoo ta'e yookiin maleekkaan sami'ii Oduu Nagayaa nu isinitti lallabne irraa ka adda ta'e, yoo isinitti hime ka abaarame haata'u! Dursinee akkuma dubbanne akkasuma ammallee irra deebi'ee dubbadha; ka fudhattan irra waan adda ta'e eennullee yoo isinitti hime, inni ka abaarame haata'u! Ani amma nama biratti fudhatama argachuu barbaada mo'o? Rabbiin biratti? Amma yoo nama gammachiisa ta'e, ani garbicha Kiristoosiitii miti. Obboleeyyan tiyya! Oduun Nagayaa ka anaan himame kun, ka namni uf keessaa burqisiise akka hin taane, akka beettan barbaada. Yesuus Kiristoositu naaf ibse malee, ani nama irraa hin fudhanne, hin barannelle'e. Hennaa duri amantaa Yihuudotaa hordofa'aa ture, Attamitti akka jiraata'aa ture dhageettaniirtan. Woldaa Kiristaanaa ta Rabbii akkamalee ari'a'aa, balleessa'aa ture. Aadaa abbootaatiifillee akkamalee hinaafa'aa, firoota bara kiyya jiran keessaa akka sirna amantii Yihuudotaatiin guddisee isaan caala. Gara worra anaan dura ergamoota turanii gara Yerusaalemii hin dhandhe. Haata'uu ammoo gara biyya Aarabaa deeme, deebi'ee gara Damaasqo'oo dhufe. Woggaa sadihiin maayessa Keffaa gaafachu'uuf gara Yerusaalemii bayee, isa woliin guyyaa kudha shan ture. Haata'uu ammoo obboleessa Goofta'aa Yaaqoobiin malee, ergamtoota keessaa ka biraa tokkollee hin argine. Wonti ani isinii barreessu kun dhara akka hin taane, Rabbi hin beeka. Achiin maayessa gara Sooriya'aatii fi gara biyya Kiliqiya'aa dhaqe. Worri Kiristoositti amanan woldoonni Yihuuda'aa na hin beekan. Haata'uu ammoo, inni duran nu ari'a'aa ture sun, amantaa duran balleessu'uuf barbaadu san lallaba jedhamee hennaa dubbatamu dhagaya'aa turan. Waan kiyyafillee Rabbiin galateeffatan. Ana Phaawuloosii fi obboleewwan na woliin jiran maraa irraa, worra Woldaa Kiristaanaa Galaatiya'aatiif, Rabbii Abbaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin worra du'an keessaa kaaseen malee, namootaan yookaan naman hin ergamne. Akkuma Rabbi mudhata naa kenneen bayee, maal laataa duwwama akka hin fiinne, yookiin duwwamallee fiigee akka hin jiraanne worra Yihuudii hin taane jiddu'utti Oduu Nagayaa ka himuu isaanitti beessise. Worra Ijoo fakkaatanii mudhataniif hojjatti isanitti hime. Haata'uu ammoo, ka ana woliin ture Tiitoonuu nama Giriikii ta'eetuu akka gadoomu isa hin giddisiifne. Haata'uu ammoo, garboota nu godhatu'uuf wolabummaa karaa Kiristoosiitiin arganne san gaadu'uuf obboloonni sobduun dhossa'aan hulluuqanii nu keessa seenan. Dhugaan Oduu Nagayaa isin biratti jabaatee akka jiraatuuf jennee, hennaa diqqo'oofillee gad dhiifnee isaan jalatti hin bulle. Worri bulchoota fakkaatan ammoo eennummaan isaanii ka duraa womaa natti hin fakkaatu. Rabbi fuula namaa laalee wol hin dabarfatu. Isaan Oduu Nagayaa ani himu irratti womaa hin edaane. Akkuma Rabbi Pheexroosiin worra gadoomaniif Oduu Nagayaa haa himu'uuf yaboo itti kenne, anillee worra hin gadoominiif Oduu Nagayaa akka himu yaboon akka natti kenname beekaniiran. Waandhi Pheexroos worra hin gadoomneef ergamaa ta'ee akka hojjatu godhe sun, anillee ergamaa worra Yihuudii hin taanee ta'ee akka hojjadhu na taasiseera. Worri bulchoota ijoo fakkaatanii mudhatan, Yaaqoob, Keefa'aa fi Yohaannisillee Rabbi akka kennaa badhaadhummaa naa kenne hubbatanii nu gara worra Yihuudii hin taanee, isaan ammoo gara worra Yihuodotaa akka dhaqan, anaa fi Barnaabaasiin woliin wolii galan. Isaan hiyyeeyyii calla'aaf akka yaannu nu kadhatan; kunillee ammoo waanuma ani jabaadhee godha'aa ture. Haata'uu ammoo Keefaan gara Antsokiya'aa hennaa dhufe, waan dogoggora isaatiif ani addaataa isa morme. Wonti inni hojjate waan isatti murteessuuf. Namoonni gariin Yaaqoobiin bira uduu hin dhufiniin dura, inni worra Yihuudota hin taane woliin nyaata'aa waan tureef, hennaa dhufan ammoo gosa gadooman san sodaatee uf duubatti sissiiqa'aa isaan biraa fooyame. Yihuudonni hafan eega Barnaabaasuu fakkeessaa isaaniitiin duubatti harkifame, isa woliin uf tuultoota ta'an. Haata'uu ammoo, akka dhugaa Oduu Nagayaatitti akka isaan qajeellumma'aan hin deemne hennaa arge, maraa afo'otti Keefa'aan, «Ati nama Yihuudi'ii taatee, akka nama Yihuudii hin taaneetitti eega jiraatte, attamiin worra Yihuudii hin taane akka Yihuudotaatitti akka jiraataniif isaan giddisiiftaa? jedheen.» Nu dhalootaan Yihuudota, worra cubbamoota Yihuudii hin taane sanii miti. Haata'uu ammoo, namni Yesuus Kiristoositti amanu'uun akka qajeeluuf malee, hujii seeraatiin akka hin taane beennee, ka foon uffate maruu hujii seeraatiin waan qajeelaa hin taaneef, nu mataan keennaa hujii seeraatiin uduu hin ta'in, Yesuus Kiristoositti amanu'uun qajeellummaa arganneerra. Haata'uu ammoo yoo ka Kiristoosiin qajeellota ta'uu ka barbaannu ta'e, nu mataan keenna cubbamoota taane yoo argamne, eegasuu Kiristoos tajaajilaa cubbu'uuti jechu'uu ree? Miti. Ka diige kana deebisee ka ijaaru yoo ta'e, anuu ka seera irra darbu akka ta'u hin hubachiisa. Ani Rabbiif jiraataa ta'ee akka jiraadhu, karaa seeraatiin seeraaf du'eera. Kiristoosiin woliin fannifameera; ammaa achi Kiristoositu na keessa jiraata malee, ani ufii hin jiraadhu. Jiruun ani amma fooniin jiraadhu ka na jaalateef ka uf dabarsee naa kenne amantaa Ilma Rabbii irraa qabuun. Badhadha Rabbii hin gatadhu. Qajeellummaan karaa seeraatiin yoo ta'e, eegasuu Kiristoos akkanumaan du'e! Isin namoota Galaatiya'aa worra qalbii hin qabne, ija teessan afo'otti Yesuus Kiristoos akka waan faki'iititti fannifame akka dhuga'aaf hin ajajamne eentu muuseessaa isinitti buuse? Ani waan tokko caallaa beekuu barbaada. Isin seera eegu'uun mo'o dubbii Rabbii dhageettanii itti amantaniin Ayyaana Woyyuu fudhatan? Isin hagasuma mara gowwa'aa? Ayyaana Rabbiitiin jalqabdan; amma ammoo yaada fooniitiin fixuu barbaadanii? Kun dhugamaan waan hin fayyanne yoo ta'e, isin waan duwwaa kanaaf rakkoon isin irra gayee? Eegasuu Rabbiin Ayyaana ufii isinii keennu ka isin birattillee maalalee godhu, hujii seeraa tiin mo'o amantaa dhageetti'iin ta'een? Akkasuma, «Abrahaam Rabbitti amane; amantaan isaallee qajeellumma'aatti laakkawameef» Eegasuu worri amanan martinuu ijoollee Abrahaamii akka ta'an beekaa'a. Kitaabnillee Rabbiin worra Yihuudii hin taane amanta'aan qajeelchu dursee argee, «Baniin maruu siin eebbifama» jedhamee Oduun Nagayaa Abrahaamiif dursee himameera. Kanaaf worri amanan maruu, Abrahaamii amane woliin eebbifaman. Ka hujii seeraatiin ta'e maruu abaarsa jala waan jiraniif, «Kitaaba seeraa mara keessatti ka barreffaman ka jabaatee ittiin hin jiraanne maruu ka hujii irra hin olchine maruu ka abaarame!» jedhamee waan bareeffameeruuf. «Qajeelaan amanta'aan jiraata» waan jedhameeruuf, eennullee Rabbiin afo'otti seeraan akka qajeelaa hin taane ifa. Seerrillee amanta'aanii miti. Haata'uu ammoo, «Namni seera raawwatu seera keessa jiraata» jedhameera. Ka muka irratti fannifamu maruu ka abaarame jedhamee waan barreeffameeruuf, Kiristoos waan keennaaf abaaramaa ta'ee, seera abaarsaa jalaa nu booji'e. Abdii Ayyaanaa amanta'aan akka fudhannu eebbi Abrahaamii gara worra Yihuudii hin taanee karaa Yesuus Kiristoosii irraan isaan akka dhaqqabuuf. Obboleeyyan tiyya! Akka Aadaa namaatitti kana jedha. Namallee yoo ta'e, abdii mirkanaaye eennullee hin tuffatu yookiin itti hin eda'u. Abrahaamiif fiixaa isaatiillee dubbii abdi'iititu himame. Barreeffamni Woyyuun, akka namoota hedduuf dubbatuuf, «Fiixaa» isaaniitiin hin jedhu, akka nama tokkotti dubbateetitti ammoo, «Fiixaa» keetiif jedha; innillee Kiristoos. Kanallee akkana jedha, woggaa dhibba afurii fi soddomaan maayii seerri duraan keenname abdii dubbii Rabbiitiin mirkanaaye haga diiguuf dubbii abdi'ii balleessuu hin danda'u. Dhaala argachuun karaa seeraatiin uduu ta'ee, ammaa achi dhaalli karaa Waada'aatiin hin argamu ture. Jecha abdi'iitiin ammoo, Rabbi Abrahaamii kenneera. Eegasuu seerri maali'iif kenname? Haga fiixaan abdiin keennameef sun dhufuuf, seera diiguun maal akka ta'e mudhisu seerri eda'amee kenname. Jiddu galeessi tokko calla'aafii miti. Rabbi ammoo tokko. Eegasuu seerri dubbii abdii Rabbii ka mormu ta'aa? Miti. Seerri akka jiruu kennu uduu kennamee jiraatee, silaa dhugamaan seera eeguun qajeellummaa fida. Haata'uu ammoo dubbiin abdi'ii Yesuus Kiristoositti worra amananiif akka kennamuuf akkuma kitaabni woyyuun jedhu adunyaan maruu cubbuu jalatti hidhamaniiran. Amantaan uduu hin dhufne amantaa mudhatu'uuf ta'u nutti cufamee seeraa gaditti bula'aa turre. Akkanatti amanta'aan akka qajeelaa taanuuf seerri guddiftuu gara Kiristoosii nu fidu ta'eera. Amantaan ammoo waan dhufeef, ammaa achi guddiftu jalaa miti. Karaa amanta'aatiin marti keessanuu Yesuus Kiristoosiin keessatti ijoollee Rabbii waan taataniif, Kiristoosiin woliin tokko ta'u'uuf worri cuuphamtan maruu Kiristoosiin uffattaniirtan. Yihuudii yookiin namni Giriikii hin jiru. Garbichi yookiin wolabaan hin jiru, dhiira yookiin intala jechuun hin jiru; marti keessanuu Yesuus Kiristoosiin keessatti nama tokko waan taataniif. Isinillee ka Kiristoosii eega taatan, akkasuma fiixaa Abrahaamii worra dubbii abdi'ii dhaalu. Haata'uu ammoo, ani akkana jedha. Ilmi qabeenna abbaa ufii dhaalu tokko, qabeenna abbaa ufii maraa irratti abbaa yoo ta'e, haga ijoollumma'aan jiru garbichaan garaagarummaa hin qabu. Haata'uu ammoo, haga guyyaa gaafa haganaa abbaan qabeetitti harka worra isaa guddisuu fi worra isa bulchu jala jiraata. Akkasuma nullee Ayyaanaan uduu hin guddatiniin duratti, seera biyya lafaatiif garboota turre. Haata'uu ammoo, barri murtayee sun hennaa gaye, Rabbi ilma ufii ka dubartii irraa dhalate, ka Seeraa gad ta'e erge. Innillee worra Seera jala jiran booji'ee, ilmaan Rabbii nu taasisu'uuf kana godhe. Ilmaan isaa waan taaneef, Rabbi Ayyaana, «Abbaa, Abbaa» jedhee waamu gara keenna erge. Ammaa achi ati ilma malee garbichaa miti. Kanaafuu eega ilma taate, akkasuma karaa Kiristoosiitiin ka jeennata Rabbii dhaalu taateerta. Haata'uu ammoo, hennaa san Rabbiin uduu hin beekin, amala keessaniin ka waaqa tolfama'aaf garboota taatan. Amma ammoo haga Rabbiin beettan, keessattuu haga Rabbiin beekkamtaniin maayessa, attamitti deebitanii gara dadhabi'ii, gara waan tuffatamee fi gara barumsa duraa ka faayidaa hin qabnee garagaltanii, garbicha taatanii isaanii bitamuu feetanii? Guyyaa, ji'a, bonaa-gannaa fi woggaa addaan baaftanii kabajjitan. Maal laataa, «Tasa isiniif xaare» jedhee isin sodaadha. Obboleeyyan tiyya! Anillee akkasuma ammoo deebi'ee akka keessan waan ta'eeruuf, akka kiyya ta'aa jedhee isin kadhadha. Isin womaa na hin yakkine. Duraan hennaa Oduu Nagayaa isinitti himu, sababa dhibee kiyyaatiin akka ta'e hin beettan. Waan foon kiyyaatiif yoo ataabee isinitti ta'ellee, isin ammoo na hin tuffanne, na hin jibbinelle'e. Haata'uu ammoo akka maleekkaa Rabbiititti, Ee akka Yesuus Kiristoosititti na simattan. Eegasuu gammachiisuun keessan sun eessa dhaqe ree? Uduu isiniif danda'amee ija keessan uf keessaa baaftanii naa kennuun fedhii keessan akka ta'e anuu ragaa isinii hin baya. Eegasuu dhugaa waan isinitti himeef ani diina isinitti ta'ee? Jabeessanii isin soqan, haata'uu ammoo waan misha'aafii miti; wonti jabeessanii isin soqaniif, isin yaada keessan isaan irra akka kaayattaniif, nu irraa adda isin fooyuu barbaadan. Haata'uu ammoo, hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin ta'in, hennaa maraa waan misha'aaf worra barbaadaman uduu taatanii misha'a. Ijoollee tiyya! Haga bifti Kiristoosii isin keessatti mudhatutti, ammallee waan keessaniif akka dubartii deettuutitti ciniinsifadha. Waan keessan waan mamuuf, amma isin bira taa'ee uduu isin woliin qaaqee natti tola. Isin worri seera jala jiraachuu barbaaddan, waan seerri jedhu hin dhageettanii? Mee natti himaa'a! Abrahaam ilmaan lamaan uumate keessaa, tokko garbitii irraa, kaan ammoo bantittii irraa akka uumate barreeffameera. Haata'uu ammoo, ilmi garbitti'iillee akka fedha fooniititti dhalateera; ka bantitti'ii ammoo dubbii abdi'iitiin dhalateera. Wonti kun akka fakkeennaatitti fudhatama; dubartoonni lamaan tunniin akka waadaa lamaaniititti laallaman. Dabra Siinaa keessaa takkattiin garbumma'aaf ijoollee deetti; Isiinillee Aggaari. Aggaariin tun ta Dabra Siinaa lafa Arabaa keessa jirtu fakkaati. Ammallee Yerusaalemii amma jirtu tana fakkaatti. Ijoollee isi'ii woliin garbummaa keessa waan jirtuuf. Yerusaalemiin ol gubba'aa ammoo ta bilisuma'aan jiraata'aartu, isiinillee haadha teenna. Barreeffama Woyyuu keessatti, «Ijoolleen dubartii abbaa manaa qabduu caalaa, ijoolleen dubartii abbaa manaa hin qabnee waan heddummatteef ati dhabduu deettee hin beenne gammadi, atillee ta ciniinsifattee hin beenne iyyii ililfadhu!» jedhamee barreeffameera. Obboleeyyan tiyya! Nullee akkuma Yisihaaqii ijoollee abdiin kennameeruuf. Haata'uu ammoo, akka fedha fooniititti ka dhalate ka akka fedha Ayyaanaatitti dhalate, hennaa san akkuma ari'e, adhalee akkasuma. Haata'uu ammoo, Kitaabni maal jedha? «Ilmi garbitti'ii, ilma bantitti'ii woliin waan hin dhaalleef, garbittii mucaa isi'ii woliin ari'i!» jedha. Kanaafuu obboleeyyan tiyya, nu ijoollee bantitti'iiti malee, ta garbitti'iitii miti. Wolabumma'aan akka jiraannuuf Kiristoos wolaba nu baase. Eegasuu jabaadha'aa dhaabadhaa'a! Deebitanii qanbaraa garbumma'aatiin hin qabaminaa'a! Eeganaa ani Phaawuloos akkana isiniin jedha, yoo gadoomtan Kiristoos womaa isin hin fayyadu. Seera maraa akka raawwatu dirqamni irra jira jedhee, worra gadooman maraa tokko tokko isaaniitittillee akkasuma ragaa baya. Seeraan qajeellota ta'uu worri barbaaddan, Kiristoosiin irraa fooyamtanii, badhaadha Rabbii irraa kuftaniirtan. Nu Ayyaana amanta'aatiin abdii wolabumma'a waan eeggannuuf. Jaalala amantaa Yesuus Kiristoosiin ta'e hujuu malee, gadoomuun yookiin gadoomuu dhabuun waan hin fayyanneef. Isin akka mishaa fiiga'aa turtan. Ammoo dhuga'aaf akka hin ajajamne eentu isin dhoogge? Sosobbiin akkanaa kun ka isin waame irraa miti. Raacitiin diqqoon duukkuussii maraa hin buukeessa. Waan adda ta'e horoma akka hin yaanne, ani Gooftaa waan keessaniif hedadheera eennullee ka isin raasu yoo jiraate murtee ufii argata. Haata'uu ammoo, obboleeyyan tiyya haga ammaa ani uduu waan gadoomu'uu himee, silaa haga ammaa maali'iif na ari'an? Eeganaa gufuun fannoo Kiristoosiitiin kara'aa dhooggameera. Worri isin jaanjursan sunniin gadoomuu callaa uduu hin ta'in, uf irraallee haa muranii. Obboleeyyan tiyya! Isin wolabumma'aaf waamamtaniirtan; ammoo wolabumnaan keessan foonii sababaa akka hin kennine. Haata'uu ammoo, isin wolii akka garbootaa ta'aa'a. Seeri maruu dubbii tokkon waan raawwatamuuf, innillee, «Goshoo kee akka uf jaalattutti jaaladhu! ka jedhu. Haata'uu ammoo isin uduu wol ciniintanii fi wol nyaattan akka wol hin balleessine uf eegaa'a! Haata'uu ammoo akkana jedha; Ayyaana Woyyu'uun jiraadhaa'a; hawwii foonii sirima hin raawwatinaa'a. Foon Ayyaana irratti, Ayyaanillee foon irratti waan hawwuuf; kunniin lamaan waan wol mormaniif, kanaafuu waan jaalattan godhuu hin dandeettan. Yoo Ayyaana Woyyu'uun yoo masakkamtan ammoo, Seeraa gad jirtan. Hujiin foonii addaata'a. Innillee seebaruu, batta'ummaa, Wol qirqirsuu, waaqa tolfamaa kaddaamuu, moruu, diinummaa, wol mormii, hinaaffaa, mufii, uf jaalachuu, wol dhabuu, Nama wol caalchisuu, barumsa sobaa, dhiibbifatuu, ajjeesuu, machii, sirbaa fi ka kanniin fakkaatu; akkuma kanaan dura isinitti hime, worri waan kana godhan horoma jeennata hin galan. Daraaraan Ayyaanaa ammoo, jaalala, gammachuu, Nagaya, obsa, arjummaa, mishooma. Amantaa gara-laafumma'aa fi uf qabuu seerri waan akkanaa kanniin dhooggu hin jiru. Worri ka Yesuus Kiristoosii ta'an, hawwii hamaa foon isaanii woliin fannisaniiran. Ayyaana Woyyuu keessa yoo jiraanne, Ayyaanuma kanaan haa jiraannuu. Ufii wolitti kakka'aa, hinaaffaa duwwa'aan akka uf hin janye. Obboleeyyan tiyya! Namni balleessaa kamiinuu hojjatee yoo argame, isin worri ka Ayyaanaa taatan isin nama akkanaa kana Ayyaana gara laafumma'aatiin qajeelchaa'a. Atillee akkasuma akka hin qoratamne uf eegi. Isin keessaa gari gariin ba'aa nama kaanii haa baadhatuu, akkasuma seera Kiristoosii raawwadhaa'a. Namni tokko uduu womaa hin taane, yoo waan waa ta'e itti fakkaate uf soba. Haata'uu ammoo, namni maruu hujii ufii haa qoratuu. Achiin maayessa ka nama biraa wol bira qabee uduu uf hin laalin ufumaa waan ittiin uf jaju argata. Namni maruu ba'aa mataa ufii waan baadhatuuf. Haata'uu ammoo, namni dubbii Rabbii baratu, ka barsiisu woliin waan mishaa maraa qoodama. Hin dogoggorinaa'a! Rabbi ka itti baldanii miti. Namni waanuma faacaafate san maraa haamata. Namni fedha fooniitiin faacaafatu fooniin badii haamata. Namni fedha Ayyaanaatiin facaafatu ammoo Ayyaanaan jireenna bara baraa haamata. Waan mishaa hojjachuu akka hin dadhabne yoo abdii kutuu baanne, hennaa haamaan gaye hin haamanna. Eeganaa hennaa yoo arganne, nama maraafuu, keessattuu worra amantootaatii waan mishaa haa goonuu. Attamitti akka qubee gugurda'aan harka kiyyaan isinii barreesse laalaa'a. Worri fooniin mishaa ta'anii mudhachuu fedhan maruu, akka isin gadoomtan isin giddisiisan; Haata'uu ammoo, waan fannoo Kiristoosiitiif akka miidhaan isin irra hin geenne calla'aaf. Gadoomuu keessaniin uf jajuu barbaadan malee, isaan worri gadoomanuu seera hin eenne. Fannoo Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosii akka adunyaan ittiin naa fannifamte, ka anillee ittiin adunya'aaf fannifame saniif malee, waan biraatiin uf jajuun narraa haa fagaatu. Yesuus Kiristoosiin dhaloota haarawa ta'u'utu fayyada malee, gadoomuu ta'ee yookiin gadoomuu dhabuun womaa waan hin fayyanneef. Worra Seera kanaan jiraatan maraa fi Isiraa'elii worra Rabbii ta'an irratti, nagayaa fi dhiifamsi haa ta'u. Ani gadaannisa Yesuusii nafa kiyya irraa waan qabuuf, ammaa achi wonti tokkollee na hin dadhabsiisu. Obboleeyyan tiyya! Badhaani Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosii hafuura keessan woliin haata'u. Amiin. Ka fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e Phaawuloosiin, worra Kiristoos Yesuusitti amantanii, Rabbiif woyyoota taatan ka Efesooniin keessa jirtaniif. Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaadhaa fi nageenni isiniif haata'u. Kiristoosiin keessaan samii irratti eebba sami'ii maraan ka nu eebbise, Rabbi Abbaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii haa eebbifamu. Uduu adunyaan hin uumamne, afoo isaatitti woyyootaaf worra mudaa hin qabneef jaalalaan akka jiraannuuf karaa Kiristoosiitiin nu filate. Akkuma fedha isaa misha'aan nu jaalate, hujii Kiristoos Yesuusiitiin ijoollee isaa akka taanu firrisee murteese. Wonti ilma ufii jaalatamaa akkanumaan nuu kenneef akka ulfinni badhadhummaa isaa galateeffamuuf kana godhe. Akkuma durummaa Ayyaana Rabbiititti, dhiiga Kiristoosiitiin furamuu, araara cubbuu keennaa arganne. Badhaadhaa fi ogummaa sammuu kenna maraa keessatti nuu dhangalaase. Akkuma karaa Kiristoosiitiin hojjachuu jaalatetti akka yaada dhossaa fedha isaa wonti nutti beessiseef, Bara dhumaa keessa waan godhu'uuf karoorfate, waan ardi'ii fi samii irra jiru maraa, karaa Kiristoosiitiin wolitti qabu'uuf. Rabbi waa maraa akka fedha ufiitii fi gorsa ufiititti hojjatu, akkuma duraan murteesse ammallee isaa akka taanuuf karaa Kiristoosiitiin nu filate. Kunillee karaa Kiristoosiitiin firrifnee nu worri abdii goone, ulfinna galata isaa akka taanuuf. Isinillee akkasuma dubbii dhuga'aa, innillee Oduu Nagayaa keenna ka isin fayyise dhageettanii akkasuma Kiristoositti amantanii Ayyaana abdi'iitiin Ayyaana Woyyu'uun chaappeffamtaniirtan. Ayyaanni waan Rabbi banii ufiitiif waadaa gale fudhachuu keenna hin mirkaneessa. Ulfinna Rabbiitiif galata haa galchinuu. Kanaafuu anillee akkasuma isin biratti waan ta'uuf waan Gooftaa Yesuus Kiristoositti amanu'uutiif jaalala isin woyyoota maraaf qabdan dhagayee, waan keessaniif Rabbiin galateeffata'aa hennaa faateffadhullee, waan keessan qaabachuu hin dhiisu Abbaan ulfinnaa Rabbiin Abbaa keenna Yesuus Kirstoosii akka isin isa beettan, Ayyaana Ogumma'aatii fi mudhata akka isinii kennu Rabbiin kadhadha. Waa maraa luka isaa jala galchee maraa olitti mataa godhee Woldaa Kiristaanaatiif kenne. Isiinillee ta karaa maraan guutummaa isaa guuttu. Ijoollee tanniin jiddu'utti, nu marti keenna akkasuma fedha foonii ka qalbii keennaa hojjata'aa, asiin dura dharraa foon keennaatiin jiraata'aa turre. Akkasuma akkuma kaawwanii, uumamuma keennaan ijoollee dheekkamsaa turre. Haata'uu ammoo, Rabbi araara ufiitiin dureessa waan ta'eef. Sababaa jaalala guddaa nuuf qabuun hennaa hammeenna balleessaa keennaan worra du'e taanee turre, Kiristoosiin woliin jireenna nuu kenne. Isin badhaadha Rabbiitiin fayyitaniirtan. Badhaani isaa amanta'aan isin fayyiseera. Kunillee kennaa Rabbiiti malee, hujii keessaniinii miti. Eennullee akka uf hin janye kun huji'iinii miti. Nu uumama isaa waan taaneef, Rabbi firrisee hujii mishaa inni qopheesse akka hojjannuuf karaa Yesuus Kiristoosiitiin uumamne. Kanaan dura isin worri dhalootaan Yihuudii hin taane, worra harka namaatiin gadoome ka hin gadoomne jedhamtan kana yaadaa'a. Bara san mootummaa Isiraa'elii irraa fagaattanii dubbii waadaa abdi'iitiif keessummoota taatanii, adunyaa kanatti abdii dhabdanii Rabbiin irraa fooyamtanii Kiristoosiin ala turtan. Amma ammoo isin worri dura Rabbiin irraa fagaattanii turtan, ka Yesuus Kiristoosii ta'u'uun, dhiiga Kiristoosiitiin gara isaa dhiyattaniirtan. Inni nagaya keenna. Jibba fannoo isaa irratti ajjeesee isaan lamaanuu qaama tokkoon Rabbiin wolitti araarsu'uuf. Dhufeeti isin worra Rabbiin irraa fagaattanii turtaniif nagaya, worra gara Rabbii dhiyattanii jirtaniifillee nagaya gammachuu jedhee lallabe. Hujii isaatiin nu maruu Ayyaana tokkoon gara Aabbaa galuu hin dandeenna. Eeganaa ammaa achi isin woyyoota woliin biyya tokkoof, maatii Rabbiiti malee galtu'uuf keessumma'aa miti. Hundee ergamtootaatii fi raattotaa irratti ijaaramtaniirtan. Utubaan dhaga'aallee Yesuus Kiristoos. Isumman gamoon maruu wolqabatee Goofta'aan mana woyyuu ta'u'uuf guddata. Isinillee akkasuma Rabbiif hulee jireennaa ta'u'uuf Ayyaanaan isa woliin ijaaramtan. Kanaaf isin waan worra Yihuudii hin taane taataniif ani Phaawuloos ka waan Yesuus Kiristoosiitiif hidhamaa ta'e, waan keessaniif Rabbiin afo'otti jilbiiffadha. Isin dhugamaan waan hujii Ayyaana Rabbii ka isiniif natti kenname san dhageettaniirtan. Akkuma armaan dura gabaabsee isin barreesse dhossaa kana akka ibsu na beessise. Kanallee yoo dubbiftan dhossaa Kiristoosii attamitti akka hubadhu arguu hin dandeettan. Akka hujii hunna isaatii fi akka Ayyaana Rabbii ka naa kennameetitti hojjataa isaa ka Oduu Nagayaa himu ta'eef. Ogummaan guddaan Rabbii ka adda addaa amma karaa woldaa amanta'aatiin, worra samii irra jiraniif bulchootaa fi worra baallii qabanitti akka beekkamuuf. Kunillee yaada bara baraa ka Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos raawwate. Isa biratti karaa amantaa qabnuutiin amanachu'uun seenu'uuf uggineerra. Kanaafuu waan keessaniif rakkinna na irra jiruuf akka hin dadhabne isin kadhadha. Kun ulfinna keessan waan ta'eef. Ayyaana isaatiin keessa qaama keessaniitiin guddiftanii akka jabaattan. Kiristoosillee amanta'aan garaa keessan keessa akka jiraatu, akka durummaa Ayyaana isaatitti isinii haa keennu. Eeganaa haga hunna nu irratti hojjatuutitti waan kadhannu yookiin haga yaannu maraa caalaa guddisee caalchisee Rabbii godhuu danda'uuf, Karaa woldaa Kiristaanaatii fi karaa Kiristoos Yesuusiitiin baraa haga bara baraa ulfinni Rabbiif haata'u! Amiin. Eeganaa, ani ka waan Goofta'aatiif jedhee hidhamaa ta'e, waamsa itti waamamtaniif akka ta'utti akka jiraattan isin kadhadha. Kasoo Ta'u'uun gara laafumma'aan, Obsa maraan, jaalalaan wolii obsaa'a. Karaa nagayaatiin tokkummaa hafuuraa eegu'uuf jabaadhaa'a. Waamamuu keessaniif akkuma hennaa waamatan abdii tokkoon waamamtan mara, qaama tokkoo fi Ayyaana tokko qabdan. Gooftaan tokko, amantaan tokko, cuuphaan tokko Ka waa maraa ol ta'e, ka maraa keessatti hojjatu, ka maraa keessa jiraatu, Gooftaan abbaa namoota maraa ta'e, Waaqa tokkochatu jira. Haata'uu ammoo akka kennaa Kiristoosiitiin nu maraafuu badhaani kenname. Kanaaf, «Hennaa ol baye, boojuu hedduu booji'ee, namootaaf kennaa kenne» jedha. Kanaafuu, «Ka ol baye» jechuun ka gara lafa gadi fago'ootitti gadi bu'e jechu'u malee, maal jechu'uu? Ka bu'e kun maraa guutu'uuf ka gara samii samii gubba'aatitti ol bayellee isuma. Innillee gari garii ergamoota, kuuwwan raattota, kuuwwan worra Oduu Nagayaa lallabuu, kuuwwanillee tisse'ae fi barsiisoota akka ta'an kennaa kenne. Akka dogoggora soba fakkeessuu, sababaa soba namootaatiin qilleensa barumsa sobaa maraan asii fi achi daddarbama'aa asii fi achi rarra'a'aa ammaa achi daa'imman ta'uun nuuf hin ta'u. Haata'uu ammoo dhugaa jaalalaan qaba'aa, waan maraanuu gara Kiristoosii mataa ta'ee, haa guddanuu. Sababaa kanaaf qaamni maruu akka hojjatu ribuun maruu akka hujii isaaniititti woliin wol qabatee jaalalaan uf ijaaruun qaama guddisa. Eeganaa worri Yihuudota hin taane akkanumaan sammuu duwwa'an akka jiraata'aa turan sanitti ammaa achi akka hin jiraanne jedha'aa Gooftaa keessa ta'ee raga. Isaan rakkinna wollaala isaaniitiin garaa jabaachuu isaaniitiin yaanni isaanii dukkanaayee, Rabbiin irraallee fagaatan. Waan qalbiin isaanii dhama'eef battumma'aa fi dhara maraa hojjachu'uun seebaru'uuf dabarsanii uf kennan. Isin ammoo, Kiristoosiin irraa akkana hin baranne. Dhugamaan dhageettaniirtan. Dhugaanillee akka Kiristoosiin keessa jirtu isa irraa barattaniirtan. Jireenna keessan ka durii yaada'aa dharraa namummaa moofaa nama sobuuf nama balleessuu uf keessaa balleessaa'a. Ayyaana qalbii teessaniitiin haarawoomaa'a. Qajeellumma'aa fi woyyummaa dhuga'aan ta'uun namummaa haarawa akka fakkeenna Rabbiitiin uumame uffadhaa'a. Kanaafuu soba uf keessaa balleessaa nu qaama tokko waan taaneerruuf. Isin martinuu goshoo keessan woliin dhugaa qaaqaa'a. Lolaa'a, garuu cubbuu hin hojjatinaa'a. Lola keessan irratti aduun akka hin dhiine daabiloosii hiree hin kenninaa'a. Ka hate ammaa achi hin hatin; haata'uu ammoo bikka ka qara hatee, worra jalaa hanqateef waan kennuuf akka argatu harkuma ufiitiin waan mishaa hojjatu'uuf haa dadhabuu. Worra isa dhagayaniif badhaadha akka kennuuf akka ka dadhabe jajjabeessitan, dubbii mishaa dubadhaa malee hamaan afaan keessanii sirimaa hin bayin. Ayyaana Woyyuu Rabbii ka guyyaa fayyinnaa saniif ittiin chaappeeffamtan hin gaddisiisinaa'a. Biibbayuu, aaruu, loluu, wocuu, nama arrabsu'uu fi hammeenni maruu isin keessaa haa badu. Arja'aa fi garalaafeyyii wolii ta'aa'a. Akkumma Rabbi Kiristoosiin irraan isinii araarame, isinillee wolii araaramaa'a. Eeganaa akka ijoollee jaalatamaniititti Rabbiin faanaa deemaa'a. Akkuma Kiristoos isin jaalate, kenna'aa fi ciincaa urgaayaa uf godhee Rabbiif uf kenne, isinillee jaalalaan jiraadhaa'a. Wonti woyyootaa hin taane, seebaruun, battumma'aa fi dharra'uun isin biratti sirimaa hin dhagayamin. Wonti nama saalfachiisu amshaagguunii fi haasofni ceem'aaniif shaqqaaddiin fa'a waan hin barbaachifne waan ta'eef, isin biratti hin argamin. San caalaa ammoo worra galataa ta'aa'a. Waan kana beekaa'a, seebara yoo ta'e yookiin battii yookiin ka dharra'u, ka waaqa tolfamaa kaddaamullee, Kiristoosiif jeennata Rabbiititti ristii hin qabu. Sababaa kanaaf ijoollee hin ajajamne irratti lolli Rabbii waan dhufuuf, eennullee dubii duwwa'aan isin hin sobin. Eeganaa namoota akkanaa woliin tokko hin ta'inaa'a. Dura dukkana keessa turtan; amma ammoo Goofta'aan worra ifaati. Hujii dukkanaa ka daraaraa hin qabne woliin wol hin ta'inaa'a, caala'atti ammoo isaan ifatti baasaa malee, Waan isaan dhossa'atti godhan dubbachuunuu nama saalfachiisa. Maruu ammoo ifatti hennaa baye addaataa mudhata. Ka mudhatu maruu ifa waan ta'eef, «Ati ka raftu, dammaqi! worra du'an keessaa ka'i; Kiristoosi si'iif ibsa» jedhame. Eeganaa akka Ogeeyyi'iititti malee, akka worra ogummaa hin qabneetitti hin jraatinaa'a, attamitti akka jiraattan uf eegaa'a. Guyyoonni hammeeyyii waan ta'aniif, carraa qabdan maratti fayadamaa'a Kanaaf fedhiin Rabbii maal akka ta'e hubadhaa malee, gowwoota hin ta'inaa'a. Ayyaana Woyyu'uun guuttamaa malee, daadhii woyini'iitiin hin machaayinaa'a, kun xaarii waan ta'eef. Faaruu faarfachu'uun weedduu Ayyaanaatiin woliin qaaqaa'a. Goofta'aaf garaa keessan keessatti weeddisa'aa faarfadhaa'a. Hennaa maraa waan maraafuu maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin Waaqa Abbaa keenna waa maraafuu galateeffadhaa'a. Isin martinuu ulfinna Kiristoosiitiif jedha'aatii, wolii ajajamaa'a. Haawwota manaa! Akkuma Goofta'aa ajajamtan abbaa manaa keessanii ajajamaa'a. Akkuma Kiristoos woldaa Kiristaanaatii mataa ta'e, nafa ufii woldaa Kiristaanaa akkuma fayyise, abbaan manaa mataa haadha manaati. Akkuma woldaan Kiristaanaa Kiristoosii ajajamtu, akkasuma haatii manaa ammoo waa maraanuu abbaa manaa ufiitii haa ajajamanii. Xurii yookiin fula qonshooruu yookiin waan akkana jiru uduu isii irratti hin taane, woyyitti'iif ta mudaa hin qabne akka taatu, woldaa Kiristaanaa kabajjamtuu ta ufii godhatuu barbaade. Akkasuma abbaan manaa akka nafa ufiitiiti haadha manaa isaanii jaalachuun isaan barbaachisa. Ka haadha manaa ufii jaalatu uf jaalata. Kanaafuu namni haadhaa fi abbaa ufii hin dhiisa, haadha manaa ufiititti maxxana. Isaan lamaanuu foon tokko ta'an. Kun dhossaa gudda'aa, ani ammoo kana waan Kiristoosiitiif waan woldaa Kiristaanaatiif jedha. Ta'ullee isin keessaa akkasuma ammoo marti keessanuu akkuma uf jaalattanitti haadha manaa teessan jaaladhaa'a; haati manaallee abbaa manaa ufii haa kabajjituu. Ijoolle! Goofta'aaf jedha'aatii haadhaa fi abbaa keessanii ajajamaa'a. Kun qajeelaa waan ta'eef. Isinillee abbootiin! Ijoollee teessan gorsa Goofta'aatiin isaan guddisaa malee, hin rifachiisinaa'a. Isin Garboonni akkuma Kiristoosii ajajamtan, kabajja'aa fi soda'aan yaada qajeela'aan worra fooniin gooftaa isinii ta'anii ajajamaa'a. Akka worra fedhii Rabbii raawwatuu akka garboota Kiristoosiititti malee, akka waan nama gammachiiftaniititti mudhachu'uuf hin ajajaminaa'a. Namaaf uduu hin taane, Goofta'aaf akka ajajamtan jabaachu'uun fedhii misha'aan ajajamaa'a. Garbichaa ta'ee yookiin wolabaan martinuu waan godhu waan mishaa maraa Gooftaa irraa gatii akka argatu waan beettaniif. Isinillee gooftonni dhaaduu dhiisa'aatii akkanuma isaanii godhaa'a; isaanii fi isin irrattillee Gooftaan samii bulchu akka jiru fuula namaallee laalee, ka nama wol hin caalchifne akka jiru waan beettaniif. Waan hafeen worra dandeetti'iif jabeenna Goofta'aatiin jabaadhaa'a. Akka soba daabiloosii mormuu dandeettan mi'a woraanaa ka Rabbii maraa uffadhaa'a. Wondhaansi keenna dhiigaa fi foon woliin waan hin taaneef, bulchoota, worra baallii qaban, bulchoota abbaa dukkanaa ka adunyaa tanaa, worra samii keessa jiran loltoota ayyaana hammeeyyi'ii woliin. Kanaaf gaafa hamaa dhaabachuu akka dandeettan, mi'a Rabbii ka lolaa maraa hidhadhaa'a. Maraa irratti edaatanii darbata bobaya hammeennaa mara akka dhaamsuu dandeettan woontee amanta'aa ol fuudha'aa qabadhaa'a. Fayyinna akka gulloo sibiilaatitti mata'atti godhaa'a; guraadee Ayyaanaa qabadhaa'a; innillee dubbii Rabbiiti. Faatee fi kadhanna'aan hennaa maraa Ayyaana keessa ta'a'aa faateffadhaa'a. Yaaduma kanaan waan woyyoota maraa kadhata'aa, jabaadha'aa dhaabadhaa'a. Anillee akkasuma dhossaa Oduu Nagayaa addaata'atti akka beessisuuf akka afaan kiyya banadhu dubbii akka naa kennu waan kiyyaafillee Rabbiin naa kadhadhaa'a. Oduun Nagayaa kunillee isuma ani haada sibiilaatiin hidhamee ergamaa ta'eef, akka dubbachuun na irraa eeggamutti waan isaa addaataa akka dubbadhu Rabbiin naa kadhadhaa'a. Isinnillee akkasuma attamitti akka jirru, jireenna kiyya akka beettaniif obboleessi jaalatamaaniif Goofta'aan hojjataan amanamaan Tikiqoos waa maraa isinitti hima. Wonti gara keessan erguuf, waan nu keessa jiru akka isinitti himuuf akka isin jajjabeessuuf. Nageenni Rabbii ka Gooftaa Yesuus Kiristoosii jaalallinii fi amantaan obboleeyyaniif haa ta'u. Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin biraa jaalalli hin banne worra isa jaalatan maraa woliin baadhani haa ta'u. Amiin! Garboota Yesuus Kiristoosii Phaawuloosii Fi Ximootiwosiin irraa, worra qachaa Filiphisiyuusii keessa jiraatan, ka karaa Kiristoos Yesuusiitiin qajeelaa ta'an maraaf, akkasuma tooyattootaa fi gargaartoota woldaa Kiristaanaatiif: Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaadhaa fi nageenni isiniif haata'u. Ka isiniin hujii mishaa jalqabe, haga guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee dhufutti akka raawwatu kana waan hubadheeruuf. Isin waan garaa kiyya keessa jirtaniif, ani waan keessan maraaf akkana yaaduun kiyya dhuga'a. Hidhama kiyya keessattillee falmachuu kiyyaaf akka Oduun Nagayaa cimee dhaabatu godhuu kiyya keessatti, martii keessan Ayyaana naa kenname keessaa qoodamtaniirtan. Jaalala Kiristoos Yesuusiitiin isin maraa attam akka yaade Rabbi naa raga'a. Obboleeyyan tiyya! kun wonti narra gayeef, dhugamaan Oduu Nagayaa badhisu'uuf akka ta'e akka beettan barbaada. Kanaafuu hidhamuun kiyya waan Kiristoosiitiif akka ta'e Waardiyoota mana mootitti'iitii fi kaawwan maraa birattillee ifa ta'eera. Obboleeyyan Goofta'aan jiran, irra caalaan isaanii waan hidhaa kiyyaatiif amanamanii ka duraa caalaa dubbii Rabbii sodaa malee himuu uggan. Gari gariin hinaaffa'aa fi qoxxe'een falmu'uun kuuwwan ammoo fedhii mishaa waan qabaniif waan Kiristoosii himan. Kunniin akka ani waan Oduu Nagayaatiif ittisaa ta'ee muudame beekanii jaalalaan himan. Sunniin ammoo hidhama kiyya irratti rakkoo waan narratti fidan isaanitti fakkaatee, waan worra isaaniitiif fayyadu barbaadanii yaada qajeela'aan uduu hin taane, akanumaan waan Kiristoosii qaaqan. Womaa miti! Sobaan ta'ee yookiin qajeellumma'aan ta'ee, Kiristoos hin himama kanaaf gammadeera. Ammaa achillee akkasuma gammada. Kun kadhaa keessanii fi kennaa Ayyaana Yesuus Kiristoosiitiin naaf fayyinna akka ta'u, waan beekuuf gammada. Kun Hawwii kiyyaa fi abdii kiyya waan ta'eef, Waan tokkottillee hin saalfadhu. Haata'uu ammoo lubbu'uun yoo jiraadhe yookiin yoo du'e, Kiristoos jireenna kiyya irratti akka ulfaatu jabeenna guutuu qaba. Naaf jiruun Kirstoos, duutillee bu'aa kiyya. Haata'uu ammoo fooniin jiraachuun naaf daraaraa huji'ii waan ta'eef, maal akka filadhu hin beeku. Waan lamaan kanaan dhiphata'aa deemee Kiristoosiin woliin jiraachu'uuf dharra'a. Inni maraa irra mishaa waan ta'eef. Haata'uu ammoo fooniin jiraachuun kiyya isiniif guddisee barbaachisa'a. Kanniin hubadheeti isin biratti deebi'ee jiraachuun kiyya, isin anaan dhaadachuun keessan, Yesuus Kiristoosiin keessatti akka guddatu. Amanta'aan guddata'aa akka gammaddan, isin maraa woliin akka turu hin beeka. Haata'uu ammoo dhufee uduu isin laalee yookiin uduu fagaadhee qalbii tokkoon waan amantaa Oduu Nagayaatiif falmata'aa Ayyaana tokkoon akka dhaabattan, waan jireenna keessanii akka dhagayuuf, Oduu Nagayaa ka Kiristoosiitiif akka ta'utti jiraadhaa'a. Woma tokkoonuu worra isin mormu hin sodaatinaa'a. Kun isaaniif badi'i; isiniif ammoo malkata fayyinnaati. Kun waan Rabbiin irraa ta'e. Kun waan Kiristoosiitiif, isinii waan kennameeruuf. Waan isaatiif akkasuma isatti amanuu callaa uduu hin taane, waan isaatiif akkasuma rakkinnillee isin irra gaya. Rakkinnuma narratti dhageettanii fi argitan santu isin irrallee gayeera. Karaa Kiristoosiitiin gorsa, jaalalaan jabaachu'uun, Ayyaana Woyyu'uun tokkummaa wolii qabaachu'uun, gara-laafinnaa fi araaraan gammachuu kiyya fiixaan naa baasaa'a. Yaada tokkoon wolii galaa'a; jaalala tokko, qalbii tokkoo fi yaada tokko qabaadhaa'a. Bu'aa worra kiyyaatiif jechu'uun yookiin sababaa duwwaa uf jaju'uutiin waan tokkollee hin godhinaa'a. Haata'uu ammoo isin martinuu hiriyyaa ufii akka waan isa irra caaluutitti gara-laafumma'aan haa laalu. Namni martinuu waan isa fayyadu hin laalin, waan hiriyyaa isaatii ta'u malee. Yaanni Kiristoosiin keessa ture sun isin keessallee akkasuma haata'u. Inni adaba Rabbiitiin jiraata'aa uduu jiru, Ulfinna Rabbummaa Rabbii woliin isa qixxeessu akka waan gadi dhiisu'uutitti hin laakkofne. Haata'uu ammoo, Inni akka garbichaa ta'ee, duwwaa uf godhee; gadi uf deebisee; nama fakkaatee mudhate. Fakkeennaan akka namaa ta'ee, uf salphisee, haga fannifamee, du'uutittillee hin ajajame. Sababa kanaaf Rabbi hagaa ol, ol ol isa aanse; maqaa maqaa maraa caalu kenneef. Kunillee worra ardi'ii fi samii, worri ardii jala jiran maruu, maqaa Yesuusiitiif akka jilbiinfatan. Arrabni maruu, ulfinna Rabbii Abba'aatiif, Yesuus Kiristoos Gooftaa akka ta'e, ragu'uuf. Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! Hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin taane, hennaa maraa worra ajajamu, kabajja'aa fi soda'aan fayyinna keessan raawwadhaa'a. Waan fedha isaa mishaa soqu'uu fi raawwachuullee ka isin keessa kaayu Rabbiin waan ta'eef. Dhaloota daba'aa fi hamaa wodhakka'atti mudaa malee gara-laaffeeyyii ijoollee Rabbii akka taatan uduu hin gungumne, hamaa uduu hin yaanne maraa godhaa'a. Edduu isaaniititti dubbii jireennaa dhiyeessa'aa adunyaa tana keessatti akka ifaatitti mudhatan. Kanaafuu duwwa'aaf akka hin dadhabneef ani duwwaa akka hin fiinne, guyyaa Kiristoos dhufu waan ittiin dhaadadhu naa ta'a. Haata'uu ammoo ciincaa amantii keessaniitiif tajaajila keessanitti eda'amee, uduu lubbuun tiyyallee baatee hin gammada. Isin woliinillee gammadeera. Isinillee akkasuma gammadaa'a. Na woliinillee gammadaa'a. Haata'uu ammoo anillee akkasuma waan jireenna keessanii beekee akka gammadu, daddafee Ximotewosiin isinii ergu'uuf Gooftaa Yesuusitti abdii godha. Nama waan jiruu keessanii qajeellumma'aan yaadee dhiphatu, ani isa malee nama biraa eennunillee waan hin qabneef. Martinuu ka Gooftaa Yesuus Kiristoosii uduu hin ta'in, woma ufii waan soqaniif. Haata'uu ammoo ana woliin akka abba'aa fi ilmaa taanee, Oduu Nagayaa na woliin akka tajaajilee fi akka qoramellee isinuu hin beettan. Eegasuu dubbiin tiyya maal akka ta'u hennaa beeke, dafee isa akka ergu abdii godha. Anillee ammoo ariifadhee akka dhufu Gooftaa hedadheera. Akkasuma Obboleessa kiyya ka na woliin hojjata'aa fi loltuu ta'e, isiniif ammoo ka ergamaa ta'eef, ka waan na barbaachisuun na tajaajilu Afirodiixiin isinii erguun giddi'i. Inni isin maraa arguu waan yaadeeruuf akka dhibame waan dhageettaniirtaniif gaddeera. Inni dhugamaan dhibamee du'uu gaye. Haata'uu ammoo Rabbi hin fayyiseen. Gadda irratti gadda akka natti hin edaane, gaddii sunillee anaaf malee isa calla'aafii miti. Eegasuu ammallee yoo isa argitaniin, akka gammaddan, anaafille gaddi akka naa salphatu guddisee ariifadhee ergaan. Eegasuu maqaa Goofta'aatiin gammachuu guutu'uun simadhaa'a; worra akka isaalle'e kabajjaa'a. Tajaajila isin naaf kennuu hin dandeenne guutu'uuf jedhee, hujii Kiristoosiitiif jedhee jiruu ufii uduu hin filatin du'uu gaye. Obboleeyyan tiyya! Waan hafeen, Goofta'aan gammadaa'a waan tokko deebisee isinii barreessuun na hin dhibu. Isiniif ammoo nagaya. Worra akka sare'ee foon namaa nyaatanii fi hojjattoota hammeeyii irraa uf eegaa'a. Worra seera fooniitiin waan hin taaneen dhugamaan gadoomneerra jedhaa'a soban irraa uf eegaa'a. Nu worri Ayyaanaan Rabbiin kaddaamnu, ka Kiristoos Yesuusiin dhaadannu nu worra waan foonii hin hedanne worra gadoomne waan taaneef. Ani ammoo fooniin waan hedadhu qaba. Namni biraa eennunillee yoo ta'e, ka fooniin amanatuu waan qabu yoo itti fakkaate natu taraan. Ani ka guyyaa saddeetaffa'aatitti gadoome dhaloota Israa'elii keessaa gosa Biiniyaamii ka ta'e, Ibiroota keessaallee Ibiricha. Waan seeraa yoo na gaafattan ani nama gosa Faarisii ture. Waan hinaaffa'aa yoo gaafattan, woldaa Kiristaanaa balleessu'uuf ari'a'aa ture. Waan qajeellummaa seeraan argamu yoo na gaafattan mudaa malee ture. Haata'uu ammoo waan bu'aa naaf qabaa maraa Kiristoosiif jedhee, akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayeera. Gooftaa kiyya Yesuus Kiristoosiin beekuun waa mara waan caaluuf ani waa maraa akka waan bu'aa hin qabneetitti laakkayee isaaf jedhee, waa maraan miidhame. Akka kannaan ani ka Kiristoosii ta'ee argame. Maarre qajeellummaan tiyya ta seera eegu'uun argame uduu hin taane, Kiristoositti amanu'uun ta argamte, qajeellummaan tun Rabbiin irraa dhufti; amantii irratti hundoofti. Isaa fi hunna du'aa ka'iinsa isaa akka beeku, rakkoo isaallee akka qoodamuuf. Gara worra du'aa ka'anii gayu'uuf uduu naa ta'ee, du'aanillee isa fakkaachuu hawwa. Kana maraa argeera yookiin guutuu ta'eera jechu'uu miti. Haata'uu ammoo waan Kiristoos ka ufii ittiin na taasiifate san, anillee kiyya godhachu'uuf fiiga. Obboleeyyan tiyya! Haga ammaallee akka waan harkaan gayadheetitti hin laakkayu. Haata'uu ammoo waan tokko hin godha. Waan na duubatti hafe irraanfata'aa ka afoo kiyya jiru qabachu'uuf hiixaadha. Gatii Rabbi karaa Kiristoos Yesuusiitiin ol na waame san argatu'uuf, gara galma sanii ariifadha. Eegasuu nu worri guutuu taane martinuu, kana haa yaannuu; waan tokko keessatti yaada addaa yoo qabaattan; Rabbi akkasuma waan akkasii isinii ibsa. Ta'ullee woma duraan baranne callaa jabeessinee haa qabannuu. Obboleeyyan tiyya! Worra na fakkaattan ta'aa'a. Akkuma nullee fakkeenna isinii taanu, akkasumma worra fakkeenna keennaan deddeebi'u laalaa'a. Hedduun isaanii fannoo Kiristoosiitiif diina ta'anii waan jiraataniif, waan isaanii akkana isiniin jedhee, ammumaa booya'aa isinitti hima. Dhumti isaanii badi'i. Waandhi isaanii garaa isaaniiti, ulfinni isaanii shiingaa isaaniiti; yaanni isaanillee woma lafaatti. Nu biyyi teenna samii waan ta'eef, achiillee ammoo qorichi deebi'ee dhufa jennee eeggannu Gooftaa Yesuus Kiristoos. Innillee nafa keenna salphataa nafa isaa ka ulfinna qabu san akka fakkaatuuf hin jijjiira. Kanaafuu worri ani yaaduu fi jaaladhu badhaasaa fi gammachu'uuf kallacha kiyya worri taatan, obboleeyyan tiyya! Akkasuma Goofta'aan dhaabadhaa'a. Jaalatamtoota tiyya, yaada tokkoon Goofta'aan akka wolii galaniif, Eewodiyaanii fi Sinxiikee hin gorsa. Atillee akkasuma hujii kiyyaaf ka na woliin dhuga'aan qabamte! Akka isaan gargaartu si kadhadha; maqaan isaanii kitaaba jireennaa keessatti worra barreeffaman Qaleminxoosii fi akkasuma na woliin worra hojjatan, kuuwwanillee waan Oduu Nagayaatiif na woliin dadhabaniiran. Hennaa maraa Goofta'aan gammadaa'a. Ammallee deebi'ee jedhaa gammadaa'a! Gara-laafinni keessan nama maraa biratti haa beekkamuu. Gooftaan dhiyo'o. Waa maraanuu Rabbiin kadhatu'uu fi waan kaawwaniitiifillee galata woliin, Rabbiin biratti kadhata keessan beessifadhaa'a malee, waan tokkoofillee hin dhiphatinaa'a. Nageenni Rabbii ka hubannaa sammuu nama maraatii ol ta'e, yaadaa fi onnee keessan Karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin eega. Waan hafeen obboleeyyan tiyya, waan dhugaa ta'e maraa, waan ulfinna qabu maraa, waan qajeellummaa ta'e maraa, waan qulqulluu ta'u maraa, waan jaalala uf keessaa qabu maraa, ka oduu mishaa uf keessaa qabu maraa, waan mishaa ta'e ka galata qabu kanniin mara yaadaa'a. Waan narraa barattanii fi waan narraa fudhattan waan dhageettanii fi argitan kanniin maraa raawwadhaa'a. Waandhi nagayaa isin woliin ta'aa. Haata'uu ammoo hennaa kanaan maayessa waan kiyya deebitanii yaaduu waan jalqabdaniif, Goofta'aan guddisee gammada. Hennaa dhabdan malee yaaduullee hin yaaddan. Kana yoo jedhu waan hanqinnaa jechuu kiyyaa miti. «Wonti qabu na gaya» jechuu waan baradheeruuf. Salphinnallee hin beeka. Baayi'achuullee hin beeka; waan kamiifillee hennaa kamillee waan maraanuu guddisee beelayu'uu fi quufu'uun, qabaachu'uu fi dhabuullee baradheera. Hunna Kiristoos naa kennuun maraa danda'a. Ta'ullee hennaa rakkoo kiyyaa na woliin waan qoodamtaniif mishaa gootaniirtan. Isin namoota Filiphisiyuusii, jalqaba Oduun Nagayaa hennaa himamu, Maqedooniya'aa hennaa baye, isin malee woldaa biraatitti herrega kennu'uu fi fudhachuu na woliin akka hin qoodamne isinuu hin beettan. Hennaa ani Tasolonqee jiru, harka tokkoo fi lama waan na barbaachisu naa ergitanii turtan. Kunillee akka eebbi baayi'atee isinii kuufamuuf malee, ani kennaa keessan barbaadeetii miti. Haata'uu ammoo maraa hin qaba, naa baayi'atalle'e; kennaa keessan ciincaa urgaaya'aa fi jaalatamaa ka Rabbiin gammachiisu Afirodiixiin irraa fudhadhee, gammachu'uun guuttameera. Waandhi kiyyallee akkuma durummaa ulfinna Kiristoosiitiin waan isin barbaachisu maraa isinii guuta. Waaqa keennaa fi Abbaa keennaallee baraa haga baraa ulfinni haata'u! Amiin. Woyyoota maraafuu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin nagaya isaanitti naa himaa'a. Obboleeyyan na woliin jiran nagaya isinii dhaamaniiran. Woyyoonni maruu, keessattuu ka gara worra mana mootii worra Rooma'aa ta'an, nagaya isinii dhaamaniiran. Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ayyaana keessan woliin haata'u. Amiin! Phaawuloosii fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'ee fi obboleessa isaa Ximootiwoosiin irraa, Woyyoota Qolaasiyaasiin keessa jiranii fi obboleeyyan Kiristoosiin hedatan, Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaaninii fi nageenni isinii haata'u. Kunillee akkuma adunyaa maraa gaye, gara keessanillee gayeera. Ayyaana Rabbiillee dhuga'aan guyyaa dhageettanii fi beettan irraa jalqabee, akkasuma akkuma isin keessallee jiru, akkasuma adunyaa irratti daraaraa daraara'aa hin guddata. Ephafiraa jaalatama'aa fi garbicha Rabbii ka nu woliin hojjatu irraa akkanatti barattan; innillee waan keessaniif tajaajilaa amanamaa Kiristoositti. Akkasuma waan jaalala keessanii ka Ayyaana Rabbiitiin ta'u nutti himeera. Kanaaf nullee akkasuma guyyaa kana dhagenne irraa jalqabnee, fedha beekkomsa isaa ogummaa Ayyaanaa hubbannaa sammuu keessan maraa akka isinitti guutuuf waan keessaniif Rabbiin kadhachuu hin dhiifne. gammachuu woliin waan maraanuu dhaabattanii obsu'uuf akka haga hunna ulfinna isaatitti jabeenna maraan jabaata'aa ristii woyyoota woliin akka qoodamnuun nu gaye, Aabbaan galateeffata'aa, waa maraanuu isa gammachiisu'uun akka Goofta'aa ta'utti akka jiraattan isin kadhanna. Innillee maraa dura, martuu isaan wol qabateera. Innillee qaama isaa jechuun, mataa Woldaa Kiristaanaati. Innillee maraa afoo ta'u'uuf, worra du'an keessaa du'aa ka'u'uun hangafa. Kunillee hundeeffamtanii, midhaaffattanii, abdii Oduu Nagayaa ka dhageettan irraa uduu hin raafamne, amanta'aan dhaabattanii, yoo jiraattan isinii ta'a. Oduun Nagayaa sunillee uumama sami'ii gadi jiran maratti ka himame. Anillee Phaawuloos tajaajilaa isaa ta'e. Ani Amma waan keessaniif jedhee rakkachuu kiyyaan hin gammada. Waan nafa isaa jechuun waan woldaa Kiristaanaatiif foon kiyyaan rakkachuu Kiristoosiitiin waan hanqate anillee hin guuta. Waan keessaniif akkuma naaf kenname akka bulchaa mana Rabbiititti dubbii Rabbii raawwadhee akka himu, ani tajaajilaa woldaa Kiristaanaa ta'e. Dubbiin kunillee jalqaba dhalootaatii jalqabee dhossaa dhokatee ture amma ammoo woyyootatti mudhateera. Rabbi dhossaa ufii ka ulfinna guutuu qabu kana, worra Yihuudota hin taane jiddu'utti namoota ufiititti mudhisuu barbaade. Dhossaan kunillee Kiristoosii isin keessa jiru. Kiristoos abdii ulfinnaa ti. Nullee karaa Kiristoosiitiin nama guutuu ta'u maraa dhiyeessu'uuf, nama maraa gorsa'aa, namoota maraa ogummaa maraan barsiisa'aa ka lallabnu kana. Waan kanaafillee akkasuma na irratti hunnaan akkuma ka hojjatu hujii isaatitti wondhassa bayu'uun dadhaba. Waan keessaniif worra Lodoqiyaa jiran fuula kiyyallee worri hin argine martinuu dadhabbii guddaa attamii akka qabu akka beettan fedha. Onneen isaanii akka jajjabaatu jaalalaanillee wol ta'anii gara qalbifannaa hubanna'aan argamuutitti, gara durummaa mara akka gayan, dhossaa Rabbii isallee Kiristoosiin akka beekaniif wondhanssa isaaniif baya. Galmee dhokate ka ogumma'aatii fi ka beekkomsaa maruu isaan waan ta'eef. Eennullee dubbii sossobu'uutiin akka isin hin dogoggorsine kana jedha. Fooniin hagamillee yoo fagaadhe, ayyaanaan isin woliin waan jiruuf, seera keessaniif jabeenna amantii keessanii ka Kiristoosiin qabdan arga'aa gammada. Eeganaa akkuma Gooftaa Yesuusiin amantanitti isaan jiraadhaa'a. Hidda gad fageeffadha'aa isa irratti ijaarama'aa, akkuma barattanitti, amanta'aan dhaabadha'aa, worra guddisee galateeffatu ta'aa'a. Akka barumsa Kiristoosiititti uduu hin taane, akka aadaa namaatiif akka nama adunyaa tanaa akka barumsa duraa waa uumu'uun soba'aa eennullee akka isin hin boojine uf eegaa'a. Guutummaan Rabbummaa isaa maruu nafa Kiristoosii irratti mudhatee waan jiruuf, Isinillee ka bulchiinsaa fi baallii maraa irratti mataa ta'e keessa taatanii guttamtaniirtan. Namummaa foonii mulqatu'uun Kiristoosiin keessatti gadoomu'uun gadooma harkaatiin uduu hin taane isa keessa taatanii gadoomtaniirtan. Cuupha'aanillee isa woliin awwaalamtan, ka cuupha'aan akkasuma worra du'an keessaa, hujii Rabbiitiin du'oota keessaa isa kaaseetitti waan amantaniif isa woliin kaataniirtan. Isinillee yakka keessaniif foon keessan waan hin gadoomneef, hennaa duutan isa woliin jireenna isinii kenne, cubbuu keessan maraa isinii dhiise. Ka nu irra ture ka nu mormu, ka ajajaan barreeffame barreeffama gati'ii jissee, fannoo irratti dhayee, kara'aa isa kaaseera. Baalli'iif hunnoota maraa fannoo irratti injifatee hidhata isaanii hiissisee, booji'amtoota ta'anii akka mudhatan isaan taasise. Eeganaa nyaataan, dhuddo'oon, waan ayyaanaatiin, waan jalqaba ji'aatiif waan Sambata kabajju'uutiin eennullee akka isinitti hin murteessine. Isaan kunniin waan dhufu'uuf ta'u sanniiniif gaaddisa waan ta'aniif, nafti ammoo Kiristoos. Namni kasoo ta'ee gad uf qabu'uu fi Maleekkaa kaddaamuu jaalata'aa; waan hin argine fedha malee keessa seena'aa sammuu fooniitiin waan duwwa'aan uf jaja'aa eennullee isin irratti hin murteessin. Namni akkanaa kun gara Kiristoosii mataa ta'etti hin dhiyaatu, isaan nafti maruu ribu'uu fi hiddaan nyaata fudhata'aa wolitti ijaarama'aa guddinna Rabbi isaa kennuun guddata. Akka seeraa fi barumsa namaatiin ajaja worra «Hin qabin, hin dhandhamin, hin tuqin, jedha'aa Adunya'aaf jiraataniititti maaf bitamtan? Kunniin maruu uduma hojjataman badu'uuf murteeffameera. Kun akka fedha keetii kaddaamuu, kasoomu'uu fi foon cunqursu'uun waan ogummaa qabu fakkaata. Haata'uu ammo, garaan hagaa olitti akka hin quufne dhoogguun womaa hin fayyadu. Eeganaa eega Kiristoosiin woliin kaatan, Kiristoosii mirga Rabbii taa'eeru isa ol jiru barbaadaa'a! Waan lafa irra jiran hin yaadinaa'a. Isin duutaniirtan, jireenni keessanillee Rabbiin Kiristoosiin keessatti dhokateera. Kiristoosiin jireenna keessan keessa jiru hennaa mudhatu, isinillee akkasuma isa woliin ulfinnaan mudhattan. Eeganaa dharraa foonii ta lafa tanaa ka isin keessa jiru ajjeesaa'a, isaanillee seebaruu, battummaa, wol qirqissuu, waaqa tolfamaa kaddaamu'uu fi hawwii hamaa fa'a. Miidhaa kunniin fiduun dheekkamsii Rabbii ijoollee hin ajajamne irratti hin dhufa. Isinillee akkasuma hennaa armaan duraa isa keessa jiraata'aa turtan, dur akka kanatti jiraattan. Amma ammoo isin lola, aaruu, dhara, nama arrabsu'uu fi dubbii nama saalfachiisu kanniin maraa uf keessaa balleessaa'a. Soba hin dubbatinaa'a namummaa moofaa keessan hujii isaa woliin waan mulqattaniirtaniif. Fakkeenna ka isa uumee akka fakkaatu, beekkomsa argachu'uun ka haarawoomfame, namummaa haarawaa uffattaniirtan. Achitti namni Giriikii, ka Yihuudi'ii, ka gadoomeef ka hin gadoomne, worra gowwaa ta'ee fi worra beekaa, worra wolaba ta'ee fi garbicha jidduu garaagarummaan hin jiru. Haata'uu ammoo Kiristoos maraaf maraa keessa jira. Eeganaa akka filatamtoota Rabbii woyyootaa fi worra jaalatamanillee taatanii, araara, gara-laafummaa, arjummaa, lash jechuu, fayyaalumma'aa fi obsa uffadhaa'a. Obsa woliif qabaadhaa'a. Eennullee hiriyyaa ufii irratti komii yoo qabaate, dhiifamsa wolii godhaa'a. Akkuma Kiristoos isinii dhiise, isinillee akkasuma wolii dhiisaa'a. Kanniin maraa irratti jaalala waa maraa wolitti qabu uffadhaa'a. Kutaa qaama tokkoo taatanii wonti waamamtaniif nagaya kanaaf waan ta'eef nageenni Kiristoosii onnee keessatti haa mooyu; worra galateeffattan ta'aa'a. Dubbiin Rabbii guutumatti isin keessa haa jiraatu. Ogummaa maraan wol barsiisaa'a, wol gorsaa'a, Ayyaanaan faaruu faarfachu'uun badhaadhummaa isaatiin onnee keessan keessatti Rabbiin faarfadhaa'a. Rabbii Aabbaa karaa Yesuus Kiristoosiitiin galateeffata'aa, dubbi'iin yookiin huji'iin waan gootan maraa maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin godhaa'a. Haawwota manaa, akka Goofta'aaf ta'utti abbaa manaa keessanii ajajamaa'a. Abboota manaa! haadha manaa teessan jaaladhaa'a, garaa isaanitti hin jabaatinaa'a. Ijoolle! Kun waan Gooftaa gammachisu waan ta'eef, waa maraanuu worra keessanii ajajamaa'a. Abboota! Isinillee akka onneen isaanii abdii hin kutanne ijoollee teessan hin rifachiisinaa'a. Garboota! Onnee qajeeltu'uun Gooftaa sodaata'aati malee, nama gammachiiftanii mudhatu'uuf worra ajajamtan uduu hin ta'in, fooniin worra gooftoota keessan ta'anii waa maraanuu ajajama'aafii. Namaaf uduu hin taane, akkuma Goofta'aa gootanitti, waan gootan maraa jabaadha'aa godhaa'a. Gooftaa biraa gatii risti'ii akka argattan waan beettaniif, Gooftaan isin tajaajiltan Kiristoosiin waan ta'eef. Ka yakke waan yakka ufiitiif adabbii argata, nama wol caalchiisuun Rabbiin bira waan hin jirreef. Isinillee gooftoota! Samii irraa Gooftaa akka qabdan waan beettaniif garboota keessanii qajeellumma'aa fi fayyaalumma'aan isaan gargaaraa'a. Galata woliin faate'een dammaqa'aa jabaadha'aa Rabbiin kadhadhaa'a. Hennaa sanillee waan dhossaa Kiristoos ka ani hidhameef akka himnu, Rabbi ergaa ufiitiif balbala akka nuu banu waan keennaafillee nuu kadhadhaa'a. Akka dubbachuun na irraa eeggamutti akka ibsee dubbachuu danda'u naa faateffadhaa'a. Bara keessan keessatti carraa qabdan marumatti fayyadamu'uun worra hin amanne biratti ogumma'aan jiraadhaa'a. Nama maraafuu attamitti deebii deebisuu akka beettan, dubbiin keessan hennaa maraa badhaadhaan ka guuttame, gurra namaatitti ka toluuf akka sooqiddaa mi'aayaa haata'u. Obboleessi jaalatamaaniif tajaajilaan amanamaan na woliin Goofta'aaf garbicha ta'e, Tikiqoos jiruu kiyya maraa isinitti beessisa. Garbichi Kiristoosii Ephafiraan keessan nagaya isiniin jedheera. Fedha Rabbii maraa hubattanii, guutuu taatanii, akka dhaabattan, hennaa maraa waan keessaniif jabaatee Rabbiin kadhata. Waan keessanii fi waan worra Lodoqiyaa Qachaa Iyyaaraa jiraniif guddisee akka hinaafu isinii raga. Jaalatamaan Ogeessi fayya'aa Luuqaasii fi Deemaasillee nagaya isinii dhaamaniiran. Obboleeyyan Lodoqiyaa keessa jiran Nimfuuniif woldaa Kiristaanaa ta mana isaa jirtuuf nagaya naa himaa'a Dhaamsi tunillee isin biratti haga dubbifamteen maayessa tokkummaa namoota Lodoqiya'aattillee akkasuma akka dubbifamu godhaa'a. Dhaamsa Lodoqiyaa irraa ergame isinillee akkasuma dubbisaa'a. Akiriphaanillee, «Tajaajila Gooftaa irraa fuute, akka raawwattu jabaadhu» jedha'aa naa himaa'a. Nageenni ani Phaawuloos harka kiyyaan barreesse kana. Hidhamuu kiyya yaadaa'a! Badhaanni isin woliin haata'u. 1 Phaawuloos, Siliwaanosii fi Ximootewoosiin biraa: Woldaa Kiristaanaa, ta Rabbi Abba'aatii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii taate, worra Tasolonqee keessa jiraataniif, Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraa badhaaninii fi nageenni isiiniif haata'u. Obboleeyyan tiyya, akka Rabbiin jaalatamtanii fi filatamtan waan beenneef. Oduun Nagayaa ka isinii lallabne hunnaa fi Ayyaana Woyyu'uun hubbannaa hedduun malee, dubbii calla'aan gara keessan waan hin dhufneef, isin biratti waan keessaniif attamitti akka jiraanne hin beettan. Isinillee akkasuma dubbii Rabbii rakkoo hedduun gammachuu Ayyaana Woyyu'uu woliin fudhattanii worra nu'uuf Gooftaa fakkaatu taataniirtan. Kanaafuu amantoota Maqedooniya'aa fi Akaayiyaa jiran maraafuu fakkeenna isaanii taataniirtan. Dubbiin Rabbii isin biraa bayee Maqedooniya'aa fi Akaayiyaa calla'aati waan hin dhagayamneef, haata'uu ammoo haga womaa dubbachuu hin barbaachifnetti, amantaan isin Rabbiin irratti qabdan hulee marattuu odeeffameera. Obboleeyyan tiyya! Gara keessan dhufuun keenna duwwaa akka hin taane hin isinuu hin beettan. Haata'uu ammoo akkuma beettan Filiphisiyuusitti dura rakkinna nu irra gayeen xaarii dadhabbii hedduun Oduu Nagayaa isinitti himuu Waaqa keennaan uggine. Kadhaan keenna dogoggoraan yookiin battumma'aan yookiin hammeennaan waan hin turreef. Haata'uu ammoo, akka Rabbi qoree nu laalee amanamtoota ta'uu keenna argee, Oduu Nagayaa yaboo nutti keennetti dubbanna. Kanallee yoo goonu, Rabbii keessa keenna qoru san gammachiisu'uuf malee, nama gammachiisu'uufii miti. Akkuma isin beettan, akkuma Rabbillee nuu ragu dubbii sossobu'uutiin hin dubbanne. Kajeellaa dhoffachu'uuf jennee hin fakkeessine, hin hojjannelle'e. Ergamaa Kiristoosii taanee isinitti ulffaachuu uduu dandeennu, isin irraa ta'ee yookiin kaawwaan irraa yookaan nama irraa, ulfinna hin barbaanne. Haata'uu ammoo akkuma guddiftuun ijoollee ufii kunuunsitu, isin jiddu'utti gara-laafeyyii taane. Akkasuma isin jaalata'aa Oduu Nagayaa ka Rabbii qooduu callaa uduu hin taane, lubbuu teennallee akkasuma isinii keennuun fedhaa fi jaalala keenna. Waan jaalatamtoota keenna taataniif. Obboleeyyan tiyya! Dadhabbii keennaa fi xaarii keenna waan qaabattaniif, isin keessaa nama tokkottillee akka hin ulfaanne, halkanii guyyaa hojjata'aa, Oduu Nagayaa ka Rabbii isinitti lallabne. Isin worra amantan jiddu'utti woyyummaa attamiitiif qajeellummaa mudaa hin qabneen akka deemne, isiniif Rabbillee raga'a. Kanaafuu dubbii maleekkootaa, innillee dubbii Rabbii hennaa nurraa fudhattan, dhugaa isin keessa jiru isin worra amantan birattillee akkasuma akka hojjatu akka dubbii Rabbiititti malee, akka dubbii namaa gootanii waan hin fudhanneef, nullee hennaa maraa uduu addaan hin kunne Rabbiin galateeffanna. Isin obboleeyyan tiyya, worra Yihuudaa jiraatan ka Kiristoos Yesuusitti amananii Woldaa Rabbii worra fakkaatan taataniirtan; worra Yihuudotaa irraa akkuma rakkinni isaan irra gaye; isinillee akkasuma rakkinni akkasii sun namoota biyya keessanii irraa isin irra gayeera. Sunninillee akkasuma Gooftaa Yesuusiin ajjeesanii, raattotaa fi nullee hin ari'an, Rabbiinillee hin gammachiisan, namoota maraa hin morman. Hennaa maraa cubbuu hojjatu'uun worri Yihuudiin hin taane akka fayyan akka isaanitti hin himne nu dhooggan. Haata'uu ammoo dheekkamsi Rabbii hagaa ol isaan irra gayeera. Nu ammoo obboleeyyan tiyya, gara'aan uduu isin bira jirru, hennaa diqqo'oof ijaan wol arguu dhabnee gargar yoo baanellee, guddifnee waan isin yaanneef ijaan isin argu'uuf yaanneerra. Gara keessan dhufuu barbaannee turre, keessattuu ani Phaawuloos hennaa tokkoo fi lama dhufuu yaaleeti seexanni ammoo nu tursiise. Abdiin keenna, gammachuun keennaa fi Kallachi ulfinna keennaa eennu? gaafa Gooftaan keenna Yesuus dhufu, isa afoo dhaabanne worri ittiin boonnu isin malee eennu? Isin ulfinna keenna, gammachuu keennalle'e. Kanaafuu obsuu dadhabnaan, ganda Ateena'aatitti hojjuma keenna hafu'uuf murteeffanne. Waan amantaa keessaniitiif akka isin jajjabeessuu fi akka isin gorsu, obboleessa keenna tajaajilaa Rabbii ka nu woliin Oduu Nagayaa Kiristoosii hojjatu Ximotiwoosiin gara keessan ergineerra. Sababaa rakkinna kanaatiin eennullee akka hin raaffamne, waan kanaaf akka filamne isinuu waan beettaniif. Hennaa isin woliin jiru, rakkinni akka nu irra gayu duraanuu isinitti himneerra. Akkasuma akkuma isin beettan wonti sun dhugamaan ta'eera. Waan kanaaf anillee akkasuma hennaa obsuu dadhabe, maal laataa seexanni nama ataabu isin ataabeera. Dadhabbiin keennallee duwwaa ta'eera jedhee waan sodaadheef, amantaa keessan beeku'uuf isa ergeera. Amma ammoo Ximootiwoos isin biraa gara keenna dhufeeti, waan amantaa keessaniitii fi waan jaalala keessanii oduu nama gammachiisu hennaa nutti hime, nullee isin argu'uuf akkuma yaannu, akka nu argitan yaada'aa hennaa maraa isin waan keennaaf mishaa akka yaaddan nutti hime. Kanaafuu obboleeyyan tiyya, karaa amantaa keessaniitiin rakkinnaa fi miidhamuu keenna maraa sababaa amantaa keessaniitiin jajjabaanneerra. Yoo isin Goofta'aan jabaattanii dhaabattan, amma nullee jiru'uun jiraanna. Waandhi kaddaamamaan Abbaan keennaa fi Gooftaan keenna Yesuus Kiristoosillee gara keessan karaa nuu haa qajeelchu. Eeganaa waan hafeen obboleeyyan tiyya, attamitti akka jiraattaniif, Rabbiinillee gammachiisuu attamitti akka dandeettan, nurraa akka barattan, isinillee akkasumatti akka jiraattan ka duraa caalaa akka baayi'attan maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhanna, isin gorsinalle'e. Maqaa Gooftaa Yesuusiitiin ajaja kamiin akka isinii kennine waan beettaniif Fedhiin Rabbii akka woyyoomtaniif. Ammallee akkuma duraan isiniin jennee fi akkuma isinii ranne, Gooftaan waan kana maraa waan haluu bayuuf eennullee waan kanaan akka hin yakkine obboleessa ufiillee akka hin sobne. Rabbi Battumma'aaf uduu hin taane, woyyumma'aaf nu waameera. Eeganaa namni gorsa kana jibbu, nama jibbuu isaatii miti. Rabbii Ayyaana woyyuu akka isin keessa jiraatuuf kenne san jibbe malee. Waan wol jaalachuu obboleeyyanii isinii barreessuun hin barbaachisu. Wol jaalachuun akka isin barbaachisu isinuu Rabbiin irraa waan barattaniirtaniif. Haata'uu ammoo obboleeyyan tiyya! Akka worra abdii hin qabnee, akka worra kaawwanii akkasuma akka hin gaddine, waan worra du'anii akka beettan hin jaalanna. Yesuus akka du'ee fi du'aa akka ka'e yoo amanne, akkasuma Yesuusitti amananii worra du'an, Rabbi gara ufii waan isaan fiduuf. Wonti dubbii Goofta'aatiin isiniin jennu kana waan ta'eef, nu jiraattota taane, haga Gooftaan deebi'ee dhufuuf nu worri jirru, worra du'anillee hin firrifnu. Gooftaan inninuu ajajaan laagaa bulchaa Maleekka'aatiin laagaa xurumbaa Rabbiitiinillee sami'ii waan bu'uuf, worri Kiristoosiin amananii du'an firrisanii ka'an. Achiin maayii, nu worri jiraata'aarru, Gooftaa qilleensa irratti reebbachu'uuf isaan woliin duummeessaan ol fudhatamna. Achiin maayii hennaa maraa Gooftaa woliin jiraanna. Kanaafuu isin dubbii kanaan wol jajjabeessaa'a. Obboleeyyan tiyya! Waan baraatii fi waan ji'ootaa womaa isinii barreessu isin hin barbaachisu. Guyyaan Goofta'aa akka hatuun halkanniin dhuftu akkasuma akka dhufu isinuu sirri'itti beettaniirtan. Nagayaa fi fayyinna uduu jedhan hennaa san akkuma dubartiin ulfaa ciniinsifattu, badiin tasuma isaanitti dhufti. Sirima jalaa hin bayan. Isin ammoo obboleeyyan tiyya, guyyaan akka hattu'uu akka isinirra hin geenne, isin dukkana keessa hin jirtan. Isin maruu ilmaan guyya'aatii fi ilmaan ifaati, nu worra halkanii yookiin dukkanaatii miti. Eeganaa haa damandhuu; hagati haa jiraannuu malee, akka kaawwanii hin rafnu. Worri rafu halkanniin rafa; worri machaayullee halkanniin machaayan. Nu ammo worra ifaa waan taaneef, amanta'aa fi jaalala akka guloo sibiilaatitti uffannee hagati haa jiraanuu. Rabbi dheekkamsaaf nu hin file. Fayyinna Gooftaa Yesuus Kiristoosii haa arganu'uuf malee. Yoo jiraannellee yookiin yoo duunellee isa woliin lubbu'uun akka jiraannu nuuf jedhee du'e. Kanaaf isinillee akkasuma akkuma amma gootan woliin mari'adhaa'a; kuun kaan haa jajjabeessuu. Obboleeyyan tiyya! Isin gorsinaa, worra seera malee deeman gorsaa'a, worra hin uggine jajjabeessaa'a, dadhabdootallee gargaaraa'a, namoota maraayyuu obsaa'a. Eennullee eennuun irratti waan hamaa akka hin deebifne uf eegaa'a. Haata'uu ammo hennaa maraa martii keessanuu waan mishaa wolii godhu'uuf jabaadhaa'a. Hennaa maraa gammadaa'a; Ayyaana Woyyuu hin ukkaamsinaa'a. Waan hamaa kamiin irraallee fagaadhaa'a. Waandhi nagayaa qaama keessan hooma'aa haa woyyoomsu; ayyaanni keessan lubbuunii fi foon keessanillee hennaa Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos dhufu mudaa malee haa eeggamanii. Ka isin waame amanama'a; innillee akkasuma kana hin taasisa. Obboleeyyan tiyya! Nuufillee faateffadhaa'a. Dhungoo woyyu'uun obboleeyyan maraa nagaya gaafadhaa'a. Eergaan kun obboleeyyan woyyoota maraafuu akka dubbifamu Goofta'aan isin woga. Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin haata'u! Amiin! Phaawuloos, Siliwaanosii fi Ximootewoosiin biraa woldaa Kiristaanaa ta Rabbii Abbaa keennaatii fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ta Tasolonqee keessa jirtuuf. Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaaninii fi nageenni isinii haa ta'u. Obboleeyyan tiyya! Hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galateeffachuu nu barbaachisa; amantaan keessan guddisee guddata'aa, jaalalti isin wolii qabdanillee ittuma eda'a'aa waan deema'aaruuf, galateeffachuun keenna sirri'i. Kanaafuu ari'amu'uu fi rakkoo isin irra gaye maraa keessatti waan obsitanii fi amanta'aanillee waan jabaattaniif, tokkummaa Woldaa Kiristaanaa keessatti nu isiniin boonna. Waan isaatiifillee worra rakkinni isin irra gayuuf, jeennata Rabbiitiif worra gayaa taatanii akka laakkayamtaniif kun malkata murtii qajeelaa Rabbiiti. Worra Rabbiin hin beennee fi Oduu Nagayaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiifillee worra hin ajajamne haluu isaan baya. Eennullee karaa kamiin isin hin dogoggorsin, uduu ganuun firrisee hin dhufne namni mitaa, innillee ilmi badi'ii uduu hin mudhanne guyyaan sun hin dhufu. «Ani Rabbi jedha'aa» labsi'iin hima'aa, haga mana woyyuu Rabbii keessatti, worra Waaqa jedhaman maraa caalaa, ka namoonni kaddaaman maraa ol ka uf qabuu fi morma'a. Hennaa isin woliin jiru, akka kana isiniin jedhe hin qaabattanii? Hennaa ufiititti akka mudhatuuf amma waan isa dhooggu isinuu hin beettan. Dhossaan hunna hameennaa ammumaa hujii irra jira; ta'ullee haga karaa irraa ka'utti amma waan isa dhooggutu jira. Hennaa san ka Gooftaan Yesuus Kiristoos hafuura afaan ufiitiin balleessuu, hennaa deebi'ee dhufu mudhachuu ufiitiin ka balleessu ilmi badi'ii hin mudhata. Nu ammoo worra Goofta'aan jaalatamtan hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galateeffachuu nu barbaachisa. Rabbi Ayyaanaan woyyoomuu dhugaallee amanu'uun fayyinnaaf akka hangafaatitti waan isin filateeruuf. Waan kanaan ulfinna Gooftaa Yesuus Kiristoosii akka argattaniif, Oduu Nagayaa nu isinitti lallabneen isin waame. Eeganaa obboleeyyan tiyya, jabaadha'aa dhaabadhaa'a; dubbii keennaanillee yoo ta'e yookiin erga'aaf barreeffamaan waan isin barsiifne jabaadha'aa eegaa'a. Haata'uu ammoo Gooftaan isin dhaabu ka hamaa irraa isin eegu amanama'a. Waan isin ajanyu amma akka gootan, duranaallee akkasuma akka gootan, waan keessaniif Gooftaa hedanneerra. Gooftaan garaa keenna gara jaalala Rabbii, gara obsa Kiristoosii haa qajeelchu. Obboleeyyan tiyya! Worra worra huji'iif seera malee deemaniif worra akka aaloo nu isinii dabarsineetiin hin jiraanne maraa irraa akka fooyamtan maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin ajanya. Attamitti akka nu fakkaachuun isin barbaachisu isinuu waan beettaniif, nu isin biratti haala malee hin jiraanne. Isin birratti waan tokkonilee akka isinitti hin ulfaanne, halkanii fi guyyaa dadhabbi'ii fi Xaari'iin hojjata'aa jiraata'aa turre malee, eennun irraallee buddeena akkanumaan hin nyaanne. Kunillee isin akka nu fakkaattaniif uf akka fakkeennaatitti isinii keennu'uuf turre malee, nu waan baallii hin qabneefii miti. Akkasuma isin woliin hennaa jirru, «Ka hujuu hin jaalanne hin nyaatin» jennee isin seerree waan turreef. Sirima hujii uduu hin hojjanne waan namaa keessa gaala'aa seera malee isin keessa worra deemaniif waan namoota gari gari'ii dhageenneerra. Worri akkanaa kunniin cadhisanii hojjata'aa buddeenuma isaanii akka nyaatan, maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isaan seerra, isaan gorsinalle'e. Obboleeyyan tiyya! Isin ammoo hujii mishaa hojjachuu hin dadhabinaa'a. Dubbii keenna ka dhaamsa kanaan ergameef ka hin ajajamne eennullee yoo jiraate kana laala'aa akka saalfatu isa woliin wol hin ta'inaa'a. Haata'uu ammoo akka obboleessaatitti isa gorsaa malee, akka diinaatitti isa hin laalinaa'a. Rabbiin nagayaa, hennaa maraa karaa maraan, inninuu nagaya isinii haa kennu. Gooftaan isin maraa woliin haata'u. Dhaamsi kun ani Phaawuloos harkuma kiyyaan ka barreese. Ragaan dhaamsa kiyyaa marattuu akkanatti barreesseera. Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin maraa woliin haa ta'u. Akkuma ajaja Rabbiin qorichi keennaa fi abdiin keenna Yesuus Kiristoos ajajeen, ka ergamaa Rabbii ta'e ana Phaawuloosiin irraa: Ka amanta'aan dhuga'aan ilma kiyya ta'e Ximootiwosiif: Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaani, dhiifamsaa fi nagaya sii haa kennu. Hennaa gara Meqidooniya'aa deeme gari gariin barumsa addaa akka hin barsifneef, gara mammaaka dhuma hin qabinee, gara seenaa dhalootaa akka hin caqafne, akka isaan ajaju Efesooniin keessa akka teettu sii kadhadhe. Wontoonni akkanaa kunniin wol mormii waan fidaniif. Kunniin hujii Rabbii ka dhuga'aan hojjanuuf womaa hin fayyadu. Raawwiin ajajaa ammoo, jaalala garaa qulqulluu keessaa, sammuu misha'aa fi amantaa uftuuluu hin qabne keessaa ka ol bayu. Haata'uu ammoo namni akka ta'utti uduu ittiin hojjatee, seerri mishaa akka ta'e hin beenna. Tajaajila ufiitiif na mudee amanamaa godhee waan na laakkayeef, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii hunna naa kenne hin galateeffadha. Ani duraan ka ari'u ka abaaruuf rakkisaa yoo ta'ellee inni kana naa godhe. Haata'uu ammoo uduu hin beekin waan uduu hin benne godheef araara argadhe. Badhaani worra Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin keessa jiraniin amanta'aa fi jaalalli guddisee isaanii guddate. «Cubbamtoota fayyisu'uuf Yesuus Kiristoos gara biyya lafaa dhufe» dubbiin jedhu amanama'aa fi ka martinuu fudhatuu barbaachisu. Cubbamtoota keessaa ijoon ana. Waan kanaaf ammoo jireenna bara baraa argachu'uf worra isatti amanuuf jireennaaf fakkeenna akka ta'u Yesuus Kiristoos ana ijoo ta'e irratti obsa ufii mara mudhisu'uuf ani araara argadhe. Ka ufumatti Waaqa ta'e, ka hin bannee fi hin mudhanne, mootii bara baraatiif galanninii fi ulfinni baraa haga baraa haata'u! Amiin. Mucaa kiyya Ximotowos! Duraan dursee waan kee akkuma raagaan himame Kiristoosiin keessaan lola mishaa akka loltuuf ajaja kana yaboo sitti kenna. Amanta'aa fi sammuu mishaa qabaadhu. Namoonni gari gariin qalbii ufii gatanii akka markabni ka oofu malee baduu, waan amanta'aatiin waan badaniiraniif. Isaan keessaallee akka Rabbiin hin arabsine akka barattan, seexanatti dabarsee ka isaan kenne, Hemenewoosii fi Iskindiroos fa'a. Rabbi tokkicha, ka jidduu ta'ee Rabbii fi nama wolitti araarsullee tokkicha; Innillee Yesuus Kiristoosii nama ta'e. Ka namoota maraa cubbuu jalaa baasu'uuf dabarsee uf kenne. Anillee waan kanaaf amanta'aa fi dhugaa lallabu'uuf, worra Yihuudii hin taane barsiisu'uuf akka muudame, dhugaa dubbadha malee hin sobu. Eeganaa dhiirti hulee marattuu dheekkamsaa fi yaada hamaa malee, harka isaanii ka woyyoome ol kaasa'aa akka Rabbiin kadhatan barbaada. Akkasuma ammoo intalti uffata ta'u uffachu'uun lash jedhanii qaama ufii haa qandhafanii. Dubartoonni Rabbiin hin kaddaamna jedhan akka ta'utti, waan mishaa godhuu malee, shurubbaa dhayachu'uuf, worqi'iin yookiin faaya kabajjama'aa fi uffata gatii gudda'aatiin hin qandhafin. Dubartiin ammoo waa maraanuu ajajama'aa suutaan haa barattuu. Dubartiin lash jettee haa jiraattuu malee, barsiisuu yookiin dhiira irratti baallii akka qabaattu ani isaanitti hin dhiisu. Sababnillee dura Aadamtu uumame, maayessa ammoo Heewwanitu uumame. Ka sobamellee Aadamii miti, dubartitiin ammoo sobamtee Rabbiin yakku'uun kufte. Haata'uu ammoo jaalalaa fi amanta'aan, woyyumma'aan mataa ufii gad qabatanii yoo jiraatan, dayaan hin fayyan. «Ennullee tooyata'aa fi bulchaa ta'uu yoo barbaade hujii mishaa hawwa» jechi jedhu amanama'a. Eegasuu tooyataan, ka mudaa hin qabne, nama haadha manaa tokkotii qabu, ka uf qabuu fi ka hagatti jiraatu, ka akka barbaadamutti hojjatu, ka keessummaa simatu, ka barsiisuu danda'u, ka hin machoofne, ka nama hin ujulle gara-laafeessa nama hin mormine, ka birrii hin jaalanne, nama maatii ufii sirri'itti bulfatu, nama ijoollee ulfinnaan isaa ajajamtu qabu ta'uu barbaachisa. Namni mana ufii attamitti akka horatu hin beenne, Woldaa Kiristaanaa ta Rabbii attamiin eega? Uf jaju'uun bokokee, murtii daabiloosiin irratti murteeffametti akka hin kufne, Kiristaana haarawa hin ta'in. Mudaa daabiloosiitii fi siiboo isa irratti akka hin kufne, namoota ala jiran biratti ragaa mishaa haa qabaatanii. Akkasuma gargaartonni woldaa kiristaanaa [diyaaqonoonni] worra bilchaate, ka arraba lama hin dubbane, worra dhuddoo hin hawwine, Worra waan shingaa ta'e irraa fagaatanii, sammuu mishaan dhossaa amantaa eegan haa ta'anii. Kunniinillee akkasuma duraa haa qoratamanii, achiin maayessa worra mudaa hin qabne yoo ta'an, gargaartoota ta'anii haa tajaajilanii. Akkasuma dubartoonnii worra bilchaatan, worra nama hin hamanne, worra hagatti jiraatanii fi waan maraanuu worra amanaman haa ta'anii. Gargaartoonni ijoollee ufiitii fi maatii ufii akka misha'aan worra bulchan, martii isaaniituu worra haadha manaa tokkittii qaban haa ta'anii. Hujii gargaaru'uutiin worra akka misha'aan tajaajilan ufiif baallii gudda'aa fi amantaa Yesuus Kiristoosiitiin ugga guddaa argatan. Daddafee gara kee akka dhufu abdata'aa, kana sii barreessa. Yoo ture ammoo, mana worra Rabbii keessatti namni amala attamiitiin akka jiraatu akka sirri'itti beettu sii barreessa, mannillee bu'uura utubaa dhuga'aa ta woldaa Kiristaanaa Rabbii jiraata'aati. Dhossaan Rabbiin fakkachu'uu mamii malee gudda'a; «Ka Fooniin mudhate, Ka Ayyaanaan qajeelaa ta'e, Ka Ergamtootatti mudhate, ka banii Yihuudii hin taanee lallabame, Ka biyya lafaa keessatti amaname, Ka ulfinnaan ol baye.» Worri sobu kun akka namni wol hin fuune dhooggan, worri amananii dhugaa beekan galata woliin akka fudhatanii hin nyaanne, nyaata Rabbi isaanii uume irraa akka fagaatan godhan. Wonti Rabbi uume martinuu mishaa waan ta'eef, galata woliin yoo fudhatan wonti gatamu hin jiru. Ka dubbii Rabbiitii fi faate'een woyyoome waan ta'eef. Kanaafuu obboleeyyan uduu yaadachiftee amanta'aa fi dubbii barumsa mishaa hordofteen yoo dubbii barsiifte, tajaajilaa mishaa Yesuus Kiristoosii taata. Haata'uu ammoo tapha xuraayaa adunyaa tanaatii fi oduu dubartoota jaartee irraa fagaadhu; bikka san jireenna Rabbitti tolu jiraachu'uuf tattaaffadhu. Nafa jabeessu'uuf uf leenjisuun bu'aa diqqoo qaba. Jiruu Rabbi fedhu jiraatu'uuf uf leenjisuun ammoo jiruu ammaatii fi ta dhuftuttillee abdii waan qabduuf gara maraanuu bu'aa qaba. Dubbiin kun amanama'a, namni martuu fudhatuu barbaachisa. Nu Waaqa jiraataa fayyisaa nama maraa ta'e; keessumatu ka worra amananiititti waan abdanuuf, hin dadhabna, hin arabamnalle'e. Haga ani dhufuuf, dubbisuu, gorsuu, barsiisuu irratti jabaadhu. Kennaa hennaa manguddoonni harka sirra keettee sii kadhattee sii kenname, raaga sii dubbatamee fi kennaa badhaadhaa ka si keessa jirutti lash hin jedhin. Guddinni kee waan maraanuu akka mudhatu yaadi; waan kanniinitti hennaa maraa jabaadhu. Waan keetiif barumsa kee midhaassii qabi; kanniin irrattillee jabaadhu kana yoo goote, ufiif worra si dhagayanillee hin fayyifta. Jaarsa hin rifachiisin, isa akka abba'aatitti, Ka'imman ammoo akka obboleeyyaniititti. Dubartoota jaaran akka haadhaatitti, shamarran akka obboleetti'iititti yaada qulqullaaya'aan isaan laali. Dubartoota abbaa manaa hin qabne kabajji. Ta abbaa manaa hin qabne ammoo akkayoota yookiin ijoollee ijoollee ufii yoo qabaatte, isaan maatii ufii biratti Rabbiin kabajjuun akka isaanii beekkamuuf, jasaa maatii ufii deebisuu haa baratanii; kun Rabbiin biratti misha'aa fi ka jaalatame waan ta'eef. Ta Abbaa manaa hin qabne ta hojja ufii jiraattu, halkanii fi guyyaa Rabbiin faateffata'aa abdi'iin jiraatti. Ta abbaa manaa hin qabne ta waan adunyaa tanaa callaa jaalattu ammoo, isiin uduu lubbu'uun jirtuu ta duute. Isaanillee mudaa malee akka jiraataniif ajaji. Worra fira isaanii ta'aniif keessumattuu maatii ufiitii ka hin yaanne, eennullee yoo jiraate, inni ka amantaa ufii gane, nama hin amanne caalaa hama'a. Ta abbaa manaa hin qabne galmee irratti yoo bareeffamtu, umuriin isi'ii woggaa jaahatamaa gadi akka hin taaneef, dubartii abbaa manaa tokko qabdu ta'uu barbaachisa. Ijoollee guddisu'uun, keessummaa simachu'uun, luka woyyootaa dhiqu'uun, worra rakkattoota gargaaru'uun, hujii mishaa maraa hordofa'aa hujii mishaa akkanaa godhu'uun ta ragameef ta'uu barbaachisa. Ta abbaa manaa hin qabne qacalee kaawwanitti hin makin. Fedhii foon ufiitiin mooyatamanii, jaalalli Kiristoosii qaban hennaa jalaa dhidhate heerumuu waan barbaadaniif, amantaa ufii ka duraa san waan tuffataniif, isaanitti murteeffama. Hujii hin hujan; mana tokkoo gara mana tokkoo deema'aatti waan hin taane dubbata'aa odeessitootaa fi worra hujii hiikan callaa uduu hin ta'in, worra waan namaa keessa galan ta'an malee, worra hujii hiiku calla'aallee miti. Eegasuu durboonni qacaleen akka heeruman, ijoollee akka dayanii fi mana ufiillee akka bulchan, Worri nu mormu maqaa akka nu hin balleessine isaan kana gorsa. Kanaan dura isaan keessaa gari gariin seexana hordofu'uun amantaa waan gad dhiisaniif. Dubartiin amante takkaaf dhiirrii amane tokko, dubartii abbaa manaa hin qabne maatii ufii keessaa yoo qaabatan woldaa Kiristaanaatitti ba'aa akka hin taane, isaan haa gargaaraniinii. Manguddoonni woldaa seeraan bulchan, keessatuu lallabaa fi barsiisu'uun, worra dadhabanii ulfinna gudda'atu isaan barbaachisa. Kitaabni sangaa qotu afaan hin hidhin akkasuma ammoo hojjata'aafillee mindaan hin barbaachisa waan jedhuuf. Namni lamaa yookiin sadi yoo itti rageesse malee, himannaa manguddoo irratti dhiyaate hin fudhatin. Worri biraallee akka sodaatan, worra cubbuu hujan nama maraa afo'otti gorfadhu. Tokkochallee uduu wol hin caalchifne gara tokkoo uduu hin dabne akka eedu Rabbii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Maleekkota filataman afo'otti si gorsa. Eennuun irrallee daddaftee harka kee hin kaayini; cubbuu nama biraatitti hin makamin qulqullinnaan uf eegi. Waan garaa keetiitiif waan dhibee sitti baayi'atuutiif daadhii woyini'ii diqqoo dhugi malee, ammaa achi bisaan callaa hin dhugini. Cubbuun namoota gari gari'ii addaata'a; murtii waan mudhisuuf; kaawwan ammo faanaa deema. Akkasuma hujiin mishaan addaata'a, yoo ifa hin taanellee ammo dhokachuu hin danda'u. Maqaan Rabbiitiif barumsi isaa akka hin arabfamne, worri ba'aa garbumma'aa jala jiran maruu worra isaan bulchanii fi akka ulfinni isaanii barbaachisu haa laalani. Garboonni bulchoota amanan qaban obboleeyyan isaanii waan ta'aniif, isaan hin tuffatin. Hujii mishaa isaaniitiin waan fayyadamaniif worra amananiif jaalatamtoota waan ta'aniif, ka duraa caalaa haa tajaajilanii kanniin barsiisii gorsi. Eennullee barumsa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ta'een ala, ka barumsa addaa barsiisuuf dubbii nagaayaa, barumsa Rabbiin sodachu'uu kana ka hin fudhanne yoo jiraate, inni nama womaa hin beenne ka, Nama jiruun kiyya na gaya jedhuuf ammoo Rabbiin fakkaachuun bu'aa gudda'a. Nu gara lafa tanaa womaa waan hin finneef womaa fudhachuu hin dandeennu. Waan nyaannuu fi waan uffannu yoo qabaanne ammoo, inni nu gaya. Haata'uu ammoo worri dureeyyii ta'uu barbaadan badi'ii fi diiggamaan waan namoota liqimsuun, ceemsiisuun, waan nama miidhuuf, hawwii gudda'aa fi soba ataabe'ee irratti kufan. Birrii jaalachuun hidda badii maraa waan ta'eef, namni gariin uduu kana hawwan amantaa ufii irraa dogoggoranii karaa hedduun uf miidhaniiran. Ati ammoo namni Rabbii kana irraa dheessi, qajeellumma'aan, Rabbiin sodaachu'uun, amantaa, jaalala, jajabaachu'uu fi gara laafummaallee hordofi. Lola amanta'aa mishaa loli jireenna bara baraa mishaa waamamteef ka raattota hedduu biratti amanamteef qabadhu. Rabbi waan maraa lubbu'uun jiraachisu'uuf, Yesuus Kiristoosii Philaaxoosii Pheenxenicha afo'otti amanamummaa mishaa rage afo'otti si ajaja. Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos haga mudhatuuf, xuri'ii fi mudaa tokko malee jiraachu'uun ajaja eegi. Mudhata ufii san hennaa ufiititti woyyu'uu fi ka hojja ufiititti bulchaa ta'e, mootii moototaatii fi Gooftaan gooftotaa hin mudhisa. Ka hin duune isa calla'a. Ifa ennullee itti dhiyaatuu hin dandeenne keessa jiraata. Namni tokkollee isa hin argine. Isa arguullee hin danda'u. Ulfinninii fi hunni bara baraan isaaf haata'uu Amiin! Bara adhaa worri dureeyyii ta'an, waan uf jaju'uu akka hin yaanne Rabbiin jiraata'aan akka gammannuu waa maraa caalchisee nuu keennuun malee, durummaa darbu akka abdii hin godhanne isaan gorsi. Jireenna dhuga'aa akka argatan bara dhufuufillee galmee bu'uura mishaa isaanii ta'u irratti wolitti qabata'aa, waan mishaa godha'aa hujii misha'aan dureeyyii akka ta'an, worra nama gargaaranii fi worra namaa qoodan ta'u'uuf akka qophaayan isaan gorsi. Ximootewoosii kiyya! «Beekkomsa» soba jedhamu, ka duwwa'aa odeessu'uu fi mormii duwwaa adunyaa tanaa tolu irraa fagaata'aa yaboo sitti kenname eegi. Namoonni gari gariin beekkomsa kana qabna jedha'aa, amantaa irraa dogoggoraniiran. Badhaani Rabbii isin woliin haata'u. Ani Phaawuloos waadaa jireennaa ka Yesuus Kiristoosiin kenname akka himuuf fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e irraa: Ilma kiyya jaalatamaa Ximootewoosiif. Rabbii Aabbaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaadha, araaraa fi nagaya sii haa kennu. Halkanii fi guyyaa uduu addaan hin kuttin, kadha'aan waan si yaadadhuuf akka abbootii tiyyatitti Rabbii sammuu qulqullu'uun kaddaamu hin galateeffadha. Imimmaan kee yaada'aati gammachu'uun guuttamu'uu fi si arguu hawwa. Amantaa uf jajuu hin qabne ta si keessa jirtu hin qaabadha. Amantaan kunillee dura akaakayyuu kee Loyiddiin haadha tee Ewunqee keessa ture. Akkasuma amantaan sun si keessallee akka jiru hubadheera. Sababaa kanaan akka nama ibidda qabsiisuutitti kennaa Rabbii ka harka kiyya sirra kaayu'uun argatte san akka kakkaaftu si qaabsisa. Rabbi Ayyaana hunnaatii fi ka jaalala, ka uf qabu'uu nuu kenne malee, Ayyaana soda'aa nuu hin kennine. Eegasuu waan Goofta'aa ragu'uuf yookiin anaa waan Goofta'aatiif hidhamettillee hin saalfatin, haata'uu ammoo haga hunna Rabiitiin waan Oduu Nagayaatiif na woliin rakkadhu. Ka nu fayyisee fi ka waamsa woyyu'uun nu waame Rabbiin waan ta'eef, kunillee akka yaada isaatiif haga badhaadha isaatiin malee, akka hujii keennaatiinii miti. Badhaani kun bara hedduun dura Yesuus Kiristoosiin irraan nuu kenname. Amma ammoo dhufuu fayyisa'aa fi qorsa keenna karaa Yesuus Kiristoosiitiin mudhateera. Inni du'a waan mooyateeruuf, ani lallabaa Oduu Nagayaa, ergama'aa fi barsiisaa worra Yihuudota hin taanee akka ta'u, Oduu Nagayaa itti muudame kanaan jireennaa fi bara baraan jiraachuu ifatti baaseera. Sababaa kanaan rakkinni narra gayeera. Haata'uu ammoo rakkinna narra gaye kanaan hin saalfadhu; ka amane waan beekuuf, yaboo itti kenne haga gaafa guyyaa sanii akka eeguu danda'u hubadheera. Amanta'aa fi jaalala Yesuus Kiristoosiitiin dubbii narraa dhageette, fakkeenna mishaa san jabeessii qabadhu. Yaboo mishaa san Ayyaana Woyyuu nu keessa jiru san eegi. Worri Esiyaa keessa jiran maruu, akka narraa fagaatan hin beeta; isaan keessaa Filoqoosii fi Herwaageenesiin fa'a. Gooftaan maatii Henesifooru'uutiif haa araaramu, hennaa hedduu waan hara na baafachiisaniiraniif. Inni hidhamuu kiyyattillee hin saalfanne. Hennaa Roomaa ture san soqee, soqee na arge. Guyyaa dhumaa san Gooftaan isaa haa araaramu. Efesoonittillee attamitti akka na tajaajile atuu sirri'itti beetta. Eeganaa ilma kiyya! Ati badhaadha Yesuus Kiristoosiin argatteen jabaadhu. Ka namni hedduu ragaa bayeef ka narraa dhagette kanallee akkasuma worra barsiisuu danda'aniif namoota amanamaa ta'aniitti yaboo kenni. Loltuu mishaa Yesuus Kiristoosii ta'iitii, rakkinna na Woliin qoodami. Namni duulu maruu ka lolaaf erge gammachisu'uuf jedhee, fuudhaa fi daldalaan uf hin hidhu. Akkasuma namni fiigichaan wol morku tokko, yoo akka seera morkii saniititti hin morkine, injifatee badhaasa hin argatu. Qotte bulaan xaaru, worra daraaraa nyaatu keessaa ka duraa ta'uu barbaachisa dubbii jedhu laali. Gooftaan waan maraanuu qaabii sii haa kennu. Akkuma Oduu Nagayaatiin himame Yesuus Kiristoos fiixaa Daawitii ka worra du'e keessaa ka'e yaadi. Ani waan Kana lallabe'eef akka waan badaa hojjadheetitti haga hidhamu'uutitti rakkata'aara; dubbiin Rabbii ammoo hin dhaamu. Kanaafuu isinillee fayyinna karaa Yesuus Kiristoosiitiin argamu ulfinna bara baraa woliin akka argattan waan worra filatameetiif waan maraanuu hin jabaadha. Dubbiin akkana jedhu amanama'a. «Isa woliin yoo duune, akkasuma isa woliin lubbu'uun jiraanna. Yoo obsinee jabaanee dhaabanne, akkasuma isa woliin moona. Yoo isa waakkanne, akkasuma, innillee nu waakkata. Yoo amanuu baannellee, inni amanamee jiraata. Inni waan uf hin waakkanneef.» Waan kana isaan qaabsis, dubbi'iin akka wol hin dhabne, Rabbiin afo'otti gorsi. Kun waan faayidaa hin qabne, worra dhagayullee waan diiguuf. Nama dubbii dhuga'aa qajeellumma'aan dubbatu, hojjataa hin saalfachiifne taate, eennummaa kee ka qoratame Rabbiin afo'otti dhiyeessu'uuf jabaadhu. Haata'uu ammoo dubbii adunyaa tanaa hamtuu ta Rabbi hin jaalanne irraa fagaadhu, cubbuu hojjachuu ka duraa caalaa waan edaataniif. Dubbiin isaanii akka madaa nafa namaa nyaata'aa badhata'aa deemuuti; isaan keessaallee Hemenewoosii fi Filixoosiin fa'a. Isaan kuniinillee du'aa ka'iinsi kanaan dura ta'eera jedha'aa, dhugaa irraa dogoggoranii amantaa namoota gari gari'ii balleessaniiran. «Gooftaan worra ka isaa hin beeka» Akkasuma, «Worri maqaa Goofta'aa waamu maruu hammeena irraa haa fagaatuu» ka jedhu bu'uurri Rabbii ka hin sochoone ka chaappaa qabu jabaatee dhaabata. Mana guddaa keessa meeshaa mukaatii fi meeshaa faaraatitu jira malee, meeshaa meeti'iitii fi worqi'ii calla'aa miti. Gariin ulfinnaaf, gariin salphinnaaf oola. Eeganaa ennullee waan kanniin irraa yoo uf qulqulleesse, woyyuu ulfinnaaf ta'u, ka Gooftaa isaatiifillee fayyadu, meeshaa hujii mishaa maraaf qophaye ta'a. Hawwii ka'imuumma'aa hamaa irraa dheessi; worra garaa qulqullu'uun Gooftaa waamatan woliin qajeellummaa, amantii, jaalalaa fi nagaya jabeessi hordofi. Haata'uu ammoo wol dhabbii akka fidu beekiitii worra ceem'aaniif qora worra hin barannee irraa fagaadhu. Garbichi Gooftaa nama maraa biratti gara-laafeessa, ka barsiisuu danda'uuf nama obsaan jabaatee haa dhaabatuu malee, ka namaan wol hin lolle haa ta'uu. Haata'uu ammoo bara dhumaa guyyaan nama dhiphisu akka dhufu beeki. Namoonni worra uf jaalatu, worra horii jaalatu, worra uf saadu, worra uf jajan, worra nama arrabsan, worra maatii ufiitiif hin ajajamne, Worra hin galateeffanne, worra woyyummaa hin qabne, worra jaalala hin qabne, worra araaramuu hin jaalanne, hamattoota, gar-jabeeyyii, worra uf hin qabne, Worra waan mishaa hin jaalanne, gantoota, jarjartoota worra uf jaju'uun bokokan, Worra Rabbiin gammachiisuu irra, uf gammachiisuu jaalatan ta'an. Bifa Waaqa kaddaamu'uu hin qaban, hunna isaa ammoo gananiiran. Worra akkasii irraa fagaadhu. Akkuma Iyyaanse'ee fi Iyyaaberes Muusee morman, akkasuma kunniinillee worra sammu'uuf qalbiin isaanii jalaa bade, worra amantaa irraa badan ta'anii dhugaa morman. Haata'uu ammoo gowwummaan isaanii akkasuma ifa ta'ee, marattuu waan mudhatuuf ka duraa caalaa isaanii hin qajeelu. Ati ammoo barumsa kiyya, jireenna kiyya, Yaada, amantaa, obsa, jaalala, jabaachuu, baqachuu, rakkinna kiyya faanaallee deemteerta. Antsookiyaa, Iqiniyoonii fi Lisxiira'atti waan narra gayee obseef waan baqa kiyyallee hin beetta. Gooftaan waa mara jalaa na hambise. Dhuga'aan worri Yesuus Kiristoosiin keessatti Rabbiin fakkaata'aa jiraatuu jaalatan martinuu hin reebaman. Haata'uu ammoo namoonni hammeeyyiinii fi sobduun worri dogoggoranii dogoggorsan, waan hammeennaatitti jabaata'aa deeman. Ati ammoo dubbii barattee fi hubatteen jabaadhuu jiraadhu. Eennuun irraa akka baratte waan beettuuf. Daa'imummaa kee irraa jalqabdee kitaabbillee woyyuu Yesuus Kiristoositti amanu'uun ogumma'aa fi fayyinna sii kennuu danda'an beetteerta. Namni Rabbii qajeela'aa fi hujii mishaa maraaf ka qophaaye akka ta'u, Kitaabni Ayyaanni Rabbii keessa jiru martinuu, barumsaaf, gorsa, onnee namaa qajeelchu'uuf gorsa karaa qajeellumma'aa maraafuu hin fayyada. Rabbiin afo'otti Yesuus Kiristoosiin worra jiraniif worra du'an maratti murteessu'uuf deebi'ee dhufuuf jeennata isaa yaada'aa jabeesse si gorsa. Dubbii Rabbii lallabi hennaa sii tolee fi hennaa si hin tollellee, jabaadhu; obsa gudda'aan barsiisa'aa sirreessi, gorsille'e. Hennaan namoonni, barumsaa sirrii ta'e dhagayuu jibban waan dhufuuf, worra gurrii isaanii dhugaa dhagayuu dhiise, dhara dhagayu'uuf isa hoossisu, akka fedha ufiititti barsiisota ufii qopheeffatan. Gurrii isaanii dhugaa dhagayuu dhiisee, gara oduu faayidaa hin qabnee siiqan. Ati ammoo waa maraa uf eega'aa raawwadhu, rakkinna obsi, hujii kee lallaba Oduu Nagayaa godhadhu. Hujii kee raawwadhu. Lubbuun tiyya amma akka dhibaayu'uutitti jigu'uuf taati; hennaan deemullee gayeera. Wondhaansoo mishaa bayeera; fiigicha kiyya fixeera. Amantaa kiyya eeggadheera, uf afo'otti badhaasaaf qajeellummaan naaf qophaayeera. Kanallee Gooftaan kiyya ka murtii qajeellumma'aa murteessu akkasuma ana calla'aaf uduu hin taane worra dhufa isaa hawwan maraafuu hin kenna. Daddaftee akka gara kiyya dhuftu jabaadhu. Deemaas biyya lafaa tana waan jaalateef, na dhiisee, Gara Tasoloonqe'ee deemeera. Qerqiisi gara Galaatiyaa, Tiitoonillee gara Dilimaxiya'aa deemaniiran. Luuqaasiin calla'atu na woliin jira. Maarqosi tajaajilaaf waan na gargaaruuf qabadhuu naa koottuun. Tiikiqoosiin ammoo gara Efesoonii erge. Hennaa dhuftu waaro'oo fi kitaaba barreeffamaa, keessatuu ka gogaa irratti barreeffame ka Akiriphaa biratti dhiise, fudhii naa koottuun. Tumtuun sibiilaa Iskinidiroos guddisee na miidhe; Gooftaan akka hujii isaatitti isaa deebisa. Waan nu dubbannu guddisee waan mormuuf, atillee isa irraa uf eegi. Hennaa ani waan ittiin himatame san dhiyeeffadhe, martinuu narraa dheessan malee, eennullee na hin gargaarre. Rabbi kana isaanitti hin laakkayin. Haata'uu ammoo hujiin lallaba Oduu Nagayaa ka anaan raawwatamuuf, akka worri Yihuudotaa hin taane martinuu dhagayaniif Gooftaan na bira dhaabatee na jabeesse. Afaan leencaa jalaallee na hambise. Gooftaan hamaa maraa jalaa na hambisa. Jeennata sami'iititti nagayaan na galcha, isaaf bara haga bara baraa ulfinni haata'u! Amiin. Maatii Phirsqiila'aa, Aqiila'aatii fi Henesfooruutitti nagaya naa himi. Erisxos Qorontoositti hafe; Xiirofimoosi ammoo dhibamnaan Milixiinitti dhiise. Uduu ganni hin seenini akka dhuftu jabaadhu. Ewugiloosi, Pheedees, Liinos, Qilawuudiyaanii fi obboleeyyan maruu nagaya sii dhaamaniiran. Gooftaan Yesuus Kiristoos hafuura kee woliin haa jiraatu. Badhaani isin woliin haata'u. Amiin! Hennaa barri gaye akkuma qorichi keenna Rabbi ajajee yaboon naa kenname dubbii lallaba Oduu Nagayaa naa kennameen dubbii ufii ibse. Tokkummaa amanta'aatiin Tiitoo ilma kiyya ka dhuga'aatiif: Rabbi Abbaan, qoricha keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaani, araaraa fi nageenni sii haata'u. Sababaa kanaaf waan hafe akka karaa qabsiiftu, qachoota maraa keessatti akkuma ani si ajaje woldaa Kiristaanaa keessattillee manguddoota akka muuddu Qarxeesitti si dhiise. Manguddoonni Woldaa Kiristaanaa ka mudaa hin qabne, haadha manaa tokkotti'ii fi ka ijoollee amanan qabu, waan adaba dhabu'uutii fi ajajamu diidu'un ka hin himatamne yoo jiraate, muudi. Bulchaan woldaa Kiristaanaa mana Rabbii ka mudaa hin qabne, ka hin koorre, ka hin lolle, ka hin machoofne, ka hin morminee fi waan shinga'aa ka hin jaalanne, Ka keessummaa simatu, ka waan mishaa ta'e jaalatu, ka uf eegu, qajeelaa, woyyu'uu fi ka uf qabu haa ta'uu. Akkasuma barumsa jireenni keessatti argamuun gorsu'uu fi worra morman dogoggora isaanii itti hime deebisuu akka danda'uuf, akkuma barate dubbii amaname saniin haa jabaatuu. Worra hin ajajamne, ka waan duwwaa qaaqanii fi soban, keessattu gosa worra gaadoomanii keessaa heddu. Kunniinillee waan shinga'aatii fi waan ta'uu hin barbaachifne barsiisa'aa, maatii maraa waan dogoggorsaniif afaan isaanii cufuu barbaachisa. Isaanuma keessaa raanni tokko, «Namoonni Qarxeesii hennaa maraa kijibdoota, busaayaa hama'a, nyaattootaa fi worra hujii hin qabne» jedheera. Worra qulqullu'uu fi wonti martuu qulqullu'u. Worra battaayanii fi hin amannee ammoo, wonti qulqulluu ta'e womaa hin jiru. Haata'uu ammoo qalbi'ii fi yaanni isaanii battaayeera. Isaan Rabbiin beenna jedha'aa ifa dubbatan. Haata'uu ammoo worra nama jibbisiisuu fi worra hujii mishaa hojjachuu hin dandeenne waan ta'aniif, hujii ufiitiin isa ganan. Ati ammoo barumsa jireenna argamsiisuuf akka ta'utti dubbadhu. Manguddoonni ka adaba qaban, ka kabajjaa qaban. Ka uf qaban, jaalalaa fi amanta'aan jabaatanii sirrii akka ta'an gorsi. Akkasuma haawwotiin jaaran haalli jireenna isaanii tajaajila woyyu'uuf gayaa ta'uu barbaachisa, worra hin hamanne, worra dhuddoo daadhii woyyini'ii baayi'eetiin hin sobamnee fi worra waan mishaa barsiisu haa ta'anii. Dubartoonni maqaan Rabbii akka hin arabamne, worra abbaa manaa ufii jaalatan, worra ijoollee ufii jaalatan, worra uf qaban, woyyoota, worra mana ufiititti hojjatan, Worra mishaa, abbaa manaa ufiitii ajajaman akka ta'an isaan haa gorsanii. Ka'imtoonnillee akkasuma akka uf qaban gorsi. Namni nu mormu waan keenna waan badaa dubbatu yoo dhabe, akka saalfatu woma maraanuu waan mishaa godha'aa fakkeenna isaanii ta'i. Barumsa fayyinnaa kee keessatti amanama'aa fi nama kabajjamaa dubbii keetiinillee nama hin tuffatamne ta'i. Garboonni waan barumsa qoricha kennaa Rabbiin waa maraanuu akka galateeffataniif bulchoota isaaniitifillee akka ajajaman woma maraanuu akka isaan gammachiisan. Uduu hin mormineef hin hanne amanamummaa mishaa mara akka argisiisan isaan gorsi. Badhaani Rabbii ka namoota maraa fayyisu mudhateera. Badhaani kunillee cubbu'uun jiraachu'uu fi hawwii biyya lafaa waakkanne. Abdii eebbifamaa keennaa, innillee mudhata kabajjamaa Rabbiin keenna gudda'aa fi qoricha keennaa Yesuus Kiristoosiin eega'aa uf qaba'aa bara kana qajeellumma'aan Waaqa fakkaata'aa bara kana akka jiraannu nu barsiisa. Qorichi keenna hammeenna maraa jalaa akka nu furu waan misha'aa fi qajeelaa godhu'uuf banii isaaf ta'u ufiif qulqulleessu'uuf lubbuu ufii nuu kenneera. Kana maraa baali'iin dubbadhu, gorsi, uf eeggachiisi. Eennullee si hin tuffatin. Namoota bulchootaa fi worra baallii qaban jalatti bulu'uuf ajajaman hujii mishaa maraaf worra qophayan, Ka eennuunillee hin arrabsine, worra hin mormine, gara-laafeeyyii, worra nama marattuu fayyaalummaa mudhisan akka ta'an isaan qaabsis. Nullee akkasuma duraan worra waa hin hubanne, ka hin ajajamne, worra dogoggoru, haawwi'ii fi gammachuu foonii ka adda addaatiif garbicha taanee, hammeennaa fi hinaaffa'aan worra jiraatu, worra wol-loluu fi worra wol jibbu turre. Haata'uu ammoo Rabbi qorichi keenna, arjumma'aaf, nama jaalachu'uun, hennaa dhufe haga araara ufiitiin karaa dhiqata lammaffaa dhalatu'uutiif, Haarawoomsuu Ayyaana Woyyu'uutiin nu fayyise malee, hujii qajeellumma'aa ka nu gooneenii miti. Worri Rabbiin amanan hujii misha'aan uf eegganna'aan akka jabaatan, kanniin cimstee akka dubbattu si hoffolcha. Kun misha'aa fi waan namoota fayyadu. Atillee qorachuu gowwummaa seenaa dhalootaatiif mormii waan seeraa irratti wol loluu irraa fagaadhu; duwwa'aa fi waan hin fayyanne. Arximooniin yookiin Tikiiqoosiin gara kee yoo sii erge gara Niqophiiliyooniiti gara kiyya akka dhuftu jabaadhu, ani achi turu'uuf waan muradheeruuf. Beekaa Seeraa Zeemaasii fi Aphiloosiin womaa akka isaan jalaa hin hanqanne waan imala isaaniitiif waan barbaachisu maraa godhiif. Worra gosa keenna keessattillee akkasuma jireenna bu'aa hin qabne akka hin jiraanne waan barbaachisu maraan hujii misha'aa fi uf kennuu haa baratanii. Worri na woliin jiran maruu nagaya sii dhaamaniiran. Worra amanta'aan nu jaalatan maraafuu nagaya nuu himi. Badhaani isin maraa woliin haa jiraatu; Amiin! Phaawuloosii waan Yesuus Kiristoosiitiif hidhameef obboleessa keenna Ximootewoosiin irraa obboleessa keenna jaalatamaa nu woliin hojjatu Filmoona'aa fi Obboleetti teenna Afibiyaa, Arkipha nu woliin loltuu ta'eef, woldaa Kiristaanaa ta mana isaa keessa jirtuuf, Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaadhaa fi nageenni isiniif haa ta'u. Gooftaa Yesuusiin biratti, woyyoota maraa biratti waan jaalalaa fi amantaa keetii dhagayee, Kadhaa kiyya keessatti si yaadata'aa hennaa maraa Rabbii kiyya hin galateeffadha. Tokkummaa amantaa keetii ka nu biraa qabdu waan mishaa maraa beeku'uun waan Yesuus Kiristoosiitiin akka daraaraa godhattu Rabbiin sii kadhadha. Qalbiin woyyootaa hujii keetiin waan harabaafateef, Obboleessa kiyya jaalala keetiin gammachuu gudda'aa fi jabeenna argadheera. Kanaafuu waan godhuu si barbaachisu akka gootu si ajaju'uuf karaa Yesuus Kiristoosiitiin hagamillee yoo ugga qabaadhellee, Ani jaarsi Phaawuloos ammallee akkasuma Yesuus Kiristoosiif jedhee hidhame, jaalalaa fi jedhee si kadhadha. Ani isa erga, inni nama yaada garaa kiyyaa guutu waan ta'eef simadha'aan. Hennaa ani mana hidha'aa jiru bikka kee akka na gargaaruuf uf biratti isa hambifachuu barbaade. Garuu uduu siin hin mari'anne waan tokkollee godhuu hin barbaanne. Kanaafuu maal laataa, Inni haga hennaa diqqo'oo sirraa fooyamee waan tureef amma ufitti fudhadhuu qabiin maal laataa ammaa achi akka garbichaa hin ta'u. Ati ammaa achi akka garbichaatti uduu hin taanee akka obboleessa jaalatamaa garbicha caaluutitti simadhu. Inni keessattu eega naaf jaalatama ta'e sii ammoo foonii fi karaa Goofta'aatiinillee san caalaa jaalatama'a. Eegasuu akka hiriyya'aatitti yoo na laakkofte akka na simattutti isallee simadhu. Waan tokkoonillee yoo si yakkee jiraate yoo liqaan isa irra jiraate, Liqaa isaa san ana irratti laakkayi! Ani Phaawuloos, «Liqaa san hin deebisa» jedhee, harka kiyyaan sii barreessa. Kanaa achi atuu Kiristoosiin keessaan liqaa kiyya akka taate sitti himuu na hin barbaachisu. Obboleessa kiyya! Maqaa Goofta'aatiin waan kana naa godhi; Kiristoosiin keessan garaa naa qabbaneessi. Anillee akka ati waan ani si kadhadhu caalaa naa gootu beekee ajajamuu keellee abadadhee kana sii barreessa. Kanaa achi Rabbi kadhaa keessan dhagayee, ani gara keessan deebi'ee akka dhufu waan abdadhuuf, hulee itti harabaafadhu naa qopheessi. Achumaan waan kadhata keessaniitiif jedhee Rabbi isinii na kenna jedhee waan hedadhuuf. Ephaafiraan maqaa Yesuus Kiristoosiitiif jedhee hidhameeru, Maarqoosiin na woliin hojjatu, Arisxirookoos, Deemaasii fi Luqaasillee nagaya sii dhaamaniiran. Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii hafuura keessan woliin haa ta'u. Rabbi duri irraa jalqabee akkaataa hedduuf karaa hedduun abboota teennaa fi Raattotaan dubbate. Amma ammoo bara maayi'ii kanatti Ilma ufiitiin nutti dubbateera, Ilmi isaa kun ka inni akka waa maraa dhaalu godhee muudee fi ka inni ittiin adunyaa uume. Inni ka ulfinna isaa calanqisiisuu fi fakkeenna amala isaa ta'ee maraa baallii dubbii ufiitiin irkisa'aa, cubbuu keenna haga qulqulleesseen maayessa sami'itti mirgaa Rabbii ulfinna qabeessaa taa'e. Maqaan Rabbi isaa kenne maqaa ergamtoota Rabbii caalu akkuma ta'e, Ilmi Rabbii ergamtoota Rabbii caala. Maleekkota keessaa, «Ati ilma kiyya, ani adha si uumadhe» akkasuma eennuun, «Ani Abbaa isaa ta'a, innillee Ilma naa ta'a» jedhee beeka? Akkasuma hennaa hangafa gara adunya'aa erge, «Maleekkoonni Rabbii maruu isaa haa sagadanii» jedha. Hennaa waan Maleekkota Ufii dubbatu, «Inni Maleekkota ufii qilleensa, tajaajiltoota ufii ammoo arraba ibiddaa godha» jedhe. Waan ilma ufii ammoo, «Waaqa kiyya, teessoon kee haga bara baraa jiraata; uleen jeennata keetii ulee nagayaa ti. Qajeellummaa jaalattee dhara jibbite; kanaaf Waandhi Rabbiin kee, hiriyyaa kee caalaa muudama gammachu'uutiin si muude» jedha. Akkasuma, «Gooftaa kiyya, ati dura lafa uumte; samiinillee hujii harka keetiitti. Isaan hin badan; ati ammoo hin jiraatta; maruu akka uffataatitti moofan, Ati akka woya'aatitti isaan mammarta; isaanillee akka uffataa hin jijjiiraman. Ati ammoo sanuma; woggoon kee sirimaa hin dhumatu» jedha. Maleekkota keessaa eennuun, «Haga diina kee ejjannaa luka keetii sii godhuuf mirga kiyya taa'i» jedhe? Maleekkonni Rabbii maruu, ayyaana worra fayyinna dhaalan kana tajaajilu'uuf ergamanii mii? Kanaafuu waan dhageenne irraa maal laataa akka hin fudhatamne isaaf caalchifnee uf eeguu nu barbaachisa. Jechi Maleekka'aan himame yoo jabaa ta'e, ka dubbii kana diiguuf ka isaa hin ajajamne maruu adaba isaaf ta'u argata. Nullee fayyinna guddaa akkanaa kana yoo lash itti jenne, attamiin jalaa baana. Kun dura waan Goofta'aan himamee tureef; worri dhagayanillee nuu cimsan. Rabbiinuu akka fedha ufiititti malkataa fi waan maalale'eetiin ajaa'iba adda addaatiin Ayyaana Woyyuu akka fedhii isaatitti kennameen waan kana rageef. Rabbi adunyaa dhuftu ta waan isi'ii dubbannu tana akka maleekkotaa jalatti bultu hin goonne. Haata'uu ammo kitaabbillee Woyyuu keessa hulee takkatti; «Waan isaa akka yaaddu, namni maali'i? Yookiin nama tooyachu'uuf ilmi namaa maali'i? Nama diqqoma Maleekkaa hanqifte, gulloo ulfinnaatii fi galataa mataa isaa irra keette. Maraa luka isaa jallatti akka bulu taasifte» jedhee rage. Waa maraa isaa jalatti bulchite. Wonti isa jalatti hin bulle tokkollee hin jiru. Amma ammoo akka wonti maruu isa jalatti bule hin arginu. Haata'uu ammoo Ayyaana Rabbiitiin waan nama maraatiif du'a dhandhamu'uuf Yesuusii Maleekkaa diqqoo hanqatee ture, sababaa rakkinna du'aatiin gulloo ulfinnaatii fi galataa godhatee arginaan. Ijoollee hedduu gara ulfinnaa yoo fidu hundee fayyinna isaanii rakkinnaan raawwatu'uuf sababaa isaatiin maruu issumaan ta'e; maruu issumaaf ta'e. Sababa kanaaf, maqaa kee obboleeyyan tiyyatti hin hima, amantoota jiddu'uttillee weeddu'uun si galateeffadha. Akkasuma, «Ani isa hedadha» akkasuma, «Kunoo, anii fi ijoolleen Rabbi naa kennellee obboleewwan jedhee isaan waamuu hin saalfatu.» Inni fiixaa Abrahaamii gargaru'uuf malee, Maleekkota gargaaru'uuf hin dhufne. Kanaaf banii irraa cubbuu dhiqu'uuf waan Rabbi maraaf araara godhuuf, gadicha hayyicha amanamaa ta'u'uuf, obboleeyyan ufii fakkachuun isa barbaachise. Inninuu qoramee waan rakkinna argeef worra qoraman gargaaruu hin danda'a. Kanaafuu obboleeyyan woyyoota, worri waamsa sami'ii irraa qoodamtoota taatan, gara ergamaa amantaa keennaatii fi gadicha hayyicha Yesuus Kiristoosii laalaa'a. Akkuma Muuseen mana Rabbii keessatti amanamaa ture, innillee Rabbii isa muudeef amanama'a. Namni mana ijaaru mana ufii caalaa ulfinna caalu akkuma qabu, akkasuma inni Muusee caalaa ka ulfinna guddaa qabu ta'ee argameera. Manni maruu nama tokkoon ijaarame. Ka waan maraa qopheesse ammoo Rabbi. Muuseen waan uf afo'otti dubbatamuuf san ragaa ta'u'uuf mana Rabbii maraa keessatti tajaajilaa amanamaa ture. Kiristoos ammoo mana Rabbii keessatti akka Ilmaatitti amanama'a, nullee waan ittii abdannuuf abdii ittin boonnu haga dhumaa jabeessinee yoo eenne nullee mana isaati. Kanaafuu akka Ayyaanni woyyuun jedhu, «Adha, laagaa isaa yoo dhageettan, Kanaaf ani dhaloota sanitti aare. ‹Hennaa maraa onnee isaaniitiin hin dogoggoran; isaan karaa kiyya hin beenne jedhe. Akkasuma, ‹hulee harabaafata kiyyaa sirima hin galan! jedhee aari'iin kakadhe» jedhe. Obboleeyyan tiyya! Maal laataa waan Rabbii jiraataa isin waakkachiisu dhartichaa fi onneen hin amanne isin keessaa tokkollee akka hin jiraanne uf eegaa'a! Haata'uu ammo isin keessaa eennullee cubbu'uun sobamu'uun morkataa akka hin taane, «Adhuma» waan guyyaa maraa uduma guyyaan sun hin lufne woliin mari'adhaa'a! Amantaa keenna ka duraa haga dhumaa cimsinee uduu eennee worra Kirstoosiin woliin jeennata Rabbii keessa jiraatu taaneerra. «Laagaa jedhu uduu dhageettan diddanii, onnee teessan morkataa hin godhinaa'a!» Worri dhagayanii didan eennuun fa'a, worra Muuse'een masakkamanii Misirii bayan sanniinii mii? Ka woggaa afurtamaa loleen eennuun fa'a turan? Ka reeffi isaa lafa gammoojji'ii keessatti kufe worri cubbuu hojjatan isaanii mii? Worra hin ajajamne yoo ta'e malee gara hulee harabaafannaa kiyyaa hin galtan jedhee ka itti kakate eennuun fa'a? Amanuu dhabuu isaaniitiin gara hulee harabaafanna'aa seenuun akka isaanii hin danda'amne argina. Eeganaa abdiin harabaafataa ta inni nuu kenne sanitti galu'uuf waadaan galu'uu ammallee waan banaa jiruuf isin keessaa eennullee carraa galu'uu akka hin dhabne uf haa eennuu. Isaanittillee akkuma himame oduun gammachu'uu nuttillee himameera. Haata'uu ammoo dubbiin dhagayan worri dhagayan sun amanta'aan waan isaan keessatti hin qabamneef womaa isaanii hin goone. Hujiin isaa haga adunyaan uumamtee jalqabee yoo raawwatamellee, «Isaan hulee harabaafataa ta ani isaanii kenne sanitti sirimaa hin galan jedhee, aari'iin kakadheera» Akkuma jedhe nu worri amanne hulee harabaafataatitti hin galla. Waan guyyaa torbaffa'aa hulee tokko irratti Rabbi guyyaa torbaffa'aa hujii maraa irraa harabaafate waan jedheeruuf. Hulee tanattillee akkasuma gara harabaafata kiyyaa hin seenan. Hulee harabaafataa san worri galu gari gariin hin jira. Dubbii gammachu'uu ka himame sanii ajajamuu waan didaniif hulee harabaafata isaanii kennameetitti waan hin galleef, Kunillee akkuma kanaan duraa, «Adha laagaa isaa yoo dhageettan; garaa hin jabaatinaa'a» jedhamee, Rabbi bara hedduun dura afaan Daawitiitiin hennaa dubbatu, guyyaan biraa ka, «Adha» jedhamee waamame waan murtaayeef beekkameera. Uduu Iyyaasuun isaan harabaafachiiseera ta'ee, achiin maayii silaa waan guyyaa biraa hin dubbatu. Eeganaa harabaafanni guyyaa Sambataa banii Rabbiitiif hafeera. Namni gara harabaafataa ufii seene akkuma Rabbi hujii ufii irraa harabaafate, innillee hujii ufii irraa harabaafateera. Eeganaa eennullee ajajamuu didu'uun kufee akka hin hafne gara hulee harabaafanna'aa kana seenu'uf haa jabaannuu. Dubbiin Rabbii jiraata'a hunna hojjatuunillee uf keessaa qaba; guraadee gara lamaan qara qabu caalaa qarama'a, lubbuu, hafuura, ribuu, lafe'ee fi dhuka haga gargar baasuutti woraanee seenuu danda'a. Miira onne'eetii fi ka yaadaa qora. Isa nu tooyatu afo'otti wonti maruu qulla'aa fi addaata'a, isa afo'otti uumamni dhokate hin jiru. Eeganaa ka gara sami'ii ol baye gadicha hayyicha guddaa Ilma Rabbii Yesuusiin waan qabnuuf jabaannee amantaa keenna haa eennuu. Cubbu'uun achitti waa maraanuu akkuma keenna qorame; gadicha hayyicha dadhabbii keennatti garaa nuu hin laafne hin qabnu. Eeganaa araara akka argannu waan nu barbaachisu maraa hennaa nu barbaachisutti badhaadha akka argannu gara teessoo badhaadha isaa amanta'aan haa dhiyaannuu. Gadichi guddichi maruu waan cubbu'uutiif ciinca'aaf kennaa dhiyeessu'uuf nama keessaa filamee waan Rabbii maraa irratti muudama. Inni ammoo dadhabbii waan qabuuf, worra hin barannee fi worra dogoggoraniif garaa laafu'uufii danda'a. Sababa kanaan waan cubbuu bani'iitiif dhiyaatu akkasuma ufiifillee ammoo ciincaa cubbu'uu dhiyyeessa. Ka akka Aaroonii Rabbiin waamame malee eennullee ulfinna isaa ufiif ka fudhatu hin jiru. Akkasuma Kiristoosillee gadicha guddaa ta'u'uuf uf hin kabajjine. Haata'uu ammoo, «Ati Ilma kiyya, ani adha si uumadheera!» ka jedheen isuma. Akkasuma hulee biraatitti ammallee «Ati akka muudamaa, Malkasaadiqii, ati baraa haga bara baraa gadicha» jedha. Innillee hennaa lafa tana irra jiru laagaa gudda'aaf imimmaaniin faate'ee fi kaawwanii kadhachu'uun gara Waaqa isa hambisuu danda'uutitti dhiyeesse. Gadi uf qabee waan ajajameef Rabbi kadhaa isaa dhagayeef. Hagamillee yoo Ilma isaa ta'e, rakkinna isa irra gayeen ajajamuu barate. Waan isaa wonti dubbannu waan heddutu jira. Waan gurri keessan juu jedhee dhagayuu dideef dubbiian hiikuun rakkisa'a. Isin hennaa tana silaa barsiisota ta'utu isin barbaachisa. Amma ammo akka namni tokko dubbii Rabbii ka jalqabaa irraa deebi'ee barumsa biraa isin barsiisuu barbaachisa; akka kanaan wonti isinii ta'u aannan malee nyaata jaba'aa miti. Ka aannan woga'amu maruu daa'ima waan ta'eef, dubbii qajeellumma'aa hin beeku. Dhiyanni jabaan ammoo worra waan misha'aa fi waan hamaa addaan baasuuf worra waa hubatanii fi worra yaada guutu'uutiif barbaachisa. Yoo Rabbi jedhe kana goona. Worra hennaa tokko ifti ifeefii kennaa sami'iillee worri mi'eeffatan Ayyaana Woyyuu irraa worri qoodaman. Dubbii Rabbii misha'aa fi hunna adunya'aa ka dhufu'uuf ta'u worri mi'eeffatanii fi worri maayii deebi'anii waakkatan, lamuu deebisanii aagi'iin isaan deebisuun waan hin danda'amne. Ufumaa Ilma Rabbii fannisanii waan salphisaniif. Hennaa hedduu rooba isii irratti roobu, lafti dhuddu, worra isii irratti qotataniifillee akkasuma ta fayyaddu, biqiltuullee ta margisiiftu Rabbiin irraa eebba argatti. Qore'eef qummuudduu ammoo yoo margisiifte ta gatamte, ta abaaramtee fi dhumti isi'iillee gubata. Goshoota tiyya, waan keessan ammoo yooma akkanumaanillee dubbanne, isin eebba caalu ka fayyinna keessaniin argame, fiduu irra jiraachuu keessan hubanneerra. Waan woyyoota tajaajiltaniif haga ammaallee waan tajaajila'aa jirtaniif hujii hojjattan, jaalala maqaa isaatiif mudhiftan akka hin irraanfanne Rabbi hamaa miti. Akkasuma innillee haga obseen maayii abdii argate. Namoonni waan ka isaan caaluun kakataniif dubbii ufiillee kaku'uun jabeessan kakuun dhuma mormii waa maraa ta'a. Kanaafuu Rabbi dubbii abdi'ii worra dhaalaniif, yaada isaa akka hin jijjiiranne caalchiisee isaanitti mudhisuu waan barbaadeef, Rabbi akka kanaan waan lamaan hin jijjiiramneef ka soba hin qabneen abdi'ii fi kakuu nuu galeera. Kana lamaaniin abdii nu afoo jiru jabeessinee qabatuu akka dandeennu, nu worri gara isaa dheessine jajjabeenna guddaa arganna. Nullee abdatama'aa fi jabaa lubbuu teenna qabatee dhaabatu ka akka sibiila gaaditu'u markaba qabee dhaabu qabna. Abdiin kunillee golga duubaan lufee hulee woyyicha galma Rabbii ka sami'ii seene. Achii Yesuus akka muudamaa malkasaadiqii baraa haga bara baraa ka hayyicha gadootaa ta'e, waan keennaaf firrisee seene. Mootiin Saaleemiitii fi gadichi Rabbii gudda'aa maraa olii Malkatsaadiqiin kun hennaa Abrahaam mootota ajjeesee deebi'u isaan wol argeeti eebbiseen. Isaafillee akkasuma Abrahaam waa maraa keessaa kurnaffaa kenneef hiikkaan maqaa isaa ka duraa, «Mootii qajeellumma'aa ti», akkasuma ka lammaffa'aa ammoo, «Mootii Saaleemiiti» jechuun «Mootii nagayaa» jechu'u. Abbaa fi haadha laakkoofsa hidda dhalootaallee hin qabu. Barrinii fi jireenni isaa jalqabaa fi dhuma hin qabu. Haata'uu ammoo akka Ilma Rabbii, baraa haga bara baraa gadaa ta'ee jiraata. Hangafni abbootaa, Abrahaam waan booji'e keessaa mishaa, kudhan keessaa tokko yoo kenne, namni kun attam akka guddaa ture mee laalaa'a! Ijoollee Lewwi'ii keessaa hujii gadicha ta'u'uu worri argatan, banii keessaa jechuun obboleeyyan ufii keessaa isaan hagamillee yoo gudeeda Abrahaamii keessaa bayan, isaan kudhan keessaa tokko seeraan akka baasan ajaja qaban. Namichi hiddi dhaloota isaa Leewwii hin taane kun Abrahaamiin harkaa kudhan keessaa tokko fudhateera. Isa dubbii abdi'ii qabu eebbise. Maandhichi hangafitichaan akka eebbifamu waan mormii hin qabne. Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko Leewwoota worra du'uu danda'aniin wolitti qabama. Karaa kaaniin ammoo Malkasaadiqii jiraataa ragameef saniin wolitti qabama. Leewwiin kudhan keessaa tokko fudhatu karaa Abrahaamiitiin, «Kudhan keessa tokko baaseera» Hennaa Malkasaadiqiin wol gayan, inni hennaa san hin dhalanne gudeeda Abrahaamii keessa jira. Eeganaa bani'ii ka kenname akkaataa gadummaa seera Leewwi'iitiin. Uduu gadummaa Leewwootaatiin guutuu ta'uun ka argamu ta'ee, muudamuu gadummaa Aarooniitiin uduu hin taane, silaa gadicha Malkasaadiqii ka muudama qabu ka biraatitu barbaachisaa? Gadummaan sun yoo jijjiirame, seerrillee akkasuma hin jijjiirama. Inni waan isaatiif dubbatame kun, gosa biraatii gosa kana keessaa hulee ciinca'aatitti dhiyaatee ka tajaajile eennullee hin jiru. Gooftaan keenna gosa Yihuuda'aa keessaa akka dhalate beekkama'a. Muuseen waan gadumma'aa hennaa dubbatu, waan gosa kanaa womaa hin dubbanne. Waan isaatiif barreeffama Woyyuu keessatti, «Ati akka muudama Malkasaadiqii, ati baraa haga bara baraatitti gadicha» jedhamee ragaa bayameeraaf. Gadoonni hujii gadummaa ufii akka lufanii hin hojjanne ka duuti isaan dhooggite laakkofsaan heddu. Inni ammoo baraa haga bara baraa waan jiraataa ta'eef, gadummaan isaa hin jijjiiramu. Waan isaaniitiif Rabbiin kadhachu'uuf, hennaa maraa lubbu'uun jiraata. Kanaaf, worra karaa isaatiin gara Rabbii dhufan sirima isaan fayyisuu danda'a. Woyyu'uuf ka dhara hin qabne, ka mudaa hin qabne ka cubbamtoota irraa fooyamee fi ka samii irratti kabajjame hayyichi gadichi akkanaa kun nu barbaachisa. Inni akka bulchoota gadootaa kaawwanii dura waan cubbuu ufiitiif, maayi waan cubbuu bani'iitiif guyya guyya'aan ciincaa dhiyeessuun isa hin barbaachisu. Hennaa uf kenne waan maraa hennaa tokkoon raawwateera. Seerri Muuse'ee namoota dadhabbii qaban, gadicha hayyicha godhee waan muuduuf, dubbiin kaku'uu ka seeraan maayii dhufe ammoo Ilma guutuu baraa haga bara baraa ta'e muuda. Waan dubbanne keessaa wonti guddaan kana. «Ka sami'itti teessoo ulfinnaa irra mirga Rabbii taa'e, gadicha hayyicha guddaa akkanaa kana qabna» Inni tajaajilaa mana woyyu'uutii fi tajaajilaa dukkaanaa dhuga'aa ti, isiinillee ta namaan uduu hin taane ta Goofta'aan ijaaramte. Hayyoonni gadootaa maruu, kenna'aa fi ciincaa dhiyeessu'uuf muudaman. Kanaafillee akkasuma waan dhiyeessu qabaachuun giddi'i. Inni lafarra uduu jiraatee, akka seeraatitti gadoonni kennaa dhiyeessan waan jiraniif silaa gadicha hin ta'u. Dukkaanni gadoonni keessatti tajaajilan kun dukkaanaa samii gubbaa jiruuf fakkeennaaf gaaddiddu'u, hennaa Muuseen dukkaanaa ijaaru'uuf ka'e, Rabbi, «Waa maraa malaan akkuma fakkeenna gaara irratti sitti mudhisetti uf eeggadhuu huji!» jedheeniiti. Amma ammoo, waadaan Yesuus jiddu-galeessa ta'e; waadaa duraa maraa akkuma caalu, tajaajilli inni fudhatellee tajaajila isaanii hin caala; kun abdii caalu irratti hundeeffame. Kakuun duraa uduu ka mudaa hin qabne ta'ee, silaa ka lammaffa'aatiif huleen hin barbaadamu. Isaan tuffata'aa akkana isaaniin jedha, «Kunnoo ji'oonni mana Isiraa'eliitii fi Yihuuda'aa woliin waadaa haarawa galu hin dhufa» jedha Gooftaan. Biyya Misiriitii isaan baasu'uuf guyyaan harka isaanii qabe, waadaa akka abboota isaanii woliin galeetii miti. ‹Isaan waada kiyya irra waan hin dhaabanneef, anillee lash isaanitti jedhe› jedha Gooftaan. ‹Ji'oota sanniiniin maayii, waadaan mana Isiraa'elii woliin galu, seera kiyya qalbii isaanii keessa kaaya; Onnee isaaniitittillee hin barreessa; ani Rabbiin isaanii ta'a, Isaanillee banii kiyya ta'an, ka jedhu kana› jedha Gooftaan. ‹Marti isaaniituu ollaa ufiitiin obboleessa ufiitiinillee, Gooftaa beeki! jedhee hin barsiisu; diqqa'aa haga gudda'aatitti martinuu waan na beekaniif. Waan hammeenna isaaniitiifillee isaanii araarama; cubbuu isaanillee lammata hin yaadu.› » Haarawa jechuu isaatiin ka duraa moofseera, wonti moofaanii fi ka jaare badu'uuf dhiyaateera. Waadaan duraa ammoo seera kaddaamu'uu mana woyyuu adunyaa tanaa qabdi. Duukkaanaan duraa ta qophoofte, «Isii woyyittii» jedhamtu keessa waan ibsaa irra kaayan, xarapheessa'aa fi xoroshoo ciinca'aatitu irra jira. Golga lammaffa'aa duubaan dukkaanaa, «Woyyittii woyyootaa» jedhamtutu jira. Achi keessa girgiraan worqi'ii, Saanduqa waada'aa ka worqi'iin dibame, Saanduqa waada'aa kana keessa masoobii worqi'ii ta nyaanni sami'ii keessa jiru, ulee Aaroonii ta margitee fi dhagaa baxxicha waadaa Rabbii ka seerri kudhanii irratti barreeffametu jira. Saanduqa kaku'uu irra waan cubbuu balleessu golga ulfinna kiruubeeliititu ture. Waan kana maraa tokko tokko isaaniitiif amma dubbachuu hin dandeennu. Kunillee akkanatti qophaayee uduu jiru, gadoonni tajaajila isaanii raawwachu'uuf hennaa maraa dukkaanaa duraatitti seenan. Gara gola lammaffa'aa ammoo hayyichi gadootaa hojja ufii woggaa keessa hennaa tokko callaa seena. Innillee dhiiga waan ufiitiif waan balleessaa bani'iitiif dhiyeessu uduu hin qabanne hin seenu. Dukkaanaan duraa uduma asi dhaabatteertu, karaa gara woyyitti'ii geessu duranaa akka hin mudhanne Ayyaanni Woyyuun hin mudhisa. Haata'uu ammoo Kiristoos waan mishaa dhufu'uuf ta'u saniif hayyicha gadootaa ta'ee, ta caaltuuf michuu harkaanillee hin hojjatamne jechuun dukkaanaa uumama kanaaf hin taane, Furama bara baraa argatee hennaa tokko raawwatee, gara woyyittii woyyootaa dhiiga ufiitiin seene malee dhiiga re'iiniitii fi jabbile'eetiinii miti. Dhiinni korommi'iitii fi re'iinii, ka worra battaayan irratti faca'e, daaraan goromsa ciincayee foon qulqulleessu'uuf ka woyyoomsan yoo ta'an, Dhiinni Kiristoosii ka mudaa hin qabne ta'ee, Ayyaana bara baraatiin, ka Rabbiif uf dhiyeesse, attamitti waan kana caalaa Rabbii jiraataa akka kaddaaman, hujii du'aa irraa sammuu keessan hin qulqulleessine ree? Kanaafuu worri waamaman abdii dhaala bara baraa kennameef san akka argataniif Kiristoos jiddu-galeessa waadaa haarawaa ta'e. Yoo dhaamsi dhaalaa jiraate, du'a namicha dhaamatee san mirkaneessuun barbaachisaa waan ta'eef. Dhaamsi dhaalaa yoo namichi dhaala dhaame sun du'e callaa hojii irra oola malee, uduu inni lubbu'uun jiru hin ta'u. Kanaafuu waadaan duraatuu dhiiga malee hujii irra hin oolle. Akkasuma dukkaana'aaf mi'a tajaajilaa marattuu dhiiga facaase. Akka seeraatitti waan hago'oon ala wonti maruu dhiigaan qulqullaaya, uduu dhinni hin jinnee dhiifamsi cubbu'uu hin jiru. Eeganaa kunniin ka fakkeenna waan sami'ii ta'an martinuu waan kana mara caaluun qulqullaayuu isaan barbaachisa. Wonti samii jiru ammoo, ufiifuu ciincaa kana caaluun qulqulleeffamuun giddi'i. Kiristoos gara mana woyyuu ta harka namaatiin hojjatamte woyyittii fakkeenna dhuga'aa ta taatetti waan hin seenneef; haata'uu ammoo inni amma Rabbiin afo'otti waan keennaaf mudhatu'uuf gara sami'ii isii keessa seene. Akka hayyoonni gadootaa dhiiga ufii uduu hin taane, dhiiga biraa qabatee woggaa wogga'aan gara woyyitti woyyootaa seenu, inni hennaa hedduu uf dhiyeessu'uuf hin seenne. Uduu akkana ta'ee, uumama adunya'aatii jalqabee hennaa hedduu silaa rakkinni Kiristoosiin irra gaya; amma ammoo dhuma adunya'aa irratti uf ciincaa godhu'uun cubbuu diigu'uuf hennaa tokko mudhateera. Namootaaf harka tokko du'uun, achiin maayillee murtiin akka isaaniif murtaaye, akkasuma Kiristoosillee ammoo cubbuu namoota hedduu baadhatu'uuf hennaa tokko haga ciincaa ta'een maayii, isaan fayyisu'uuf worra cubbuu malee isa eeggataniif lammaffaa deebi'ee isaanitti mudhata. Seerri waan mishaa dhufu saniif gaaddiddu'u malee, bifa dhugaa isaatii miti. Kanaafuu wogga wogga'aan hennaa maraa ciincaa dhiyaatu sirimaa guutuu taasisuu hin danda'u. Akkana uduu ta'u dhabaatee worri kaddaaman hennaa tokko qulqullaayanii achiin maayii sammuu isaaniitiin cubbuu waan hin beenneef silaa ciincaa dhiyyeessuu hin dhiisanii? Haata'uu ammoo ciincaan kun maruu, ka isaan wogga wogga'aan cubbuu ittiin yaadan. Dhiinni kormaatii fi dhiinni re'iinii cubbuu balleessuu hin dandeenne. Kanaafuu hennaa gara adunya'aa dhufe, «Ati kenna'aa fi ciincaa hin jaalanne, nafa naa qopheessite. Ati kennaa ciinca'aatii fi, kennaa sababa cubbu'uutiif ciincawu marattuu hin gammanne. Hennaa san kunoo anillee, akkuma wonti kiyya Kitaaba maramu keessatti barreeffame, Waaqa kiyya, ani fedha kee raawwatu'uuf dhufeera› jedheen» jedha. Kana irratti kenna'aa fi ciincaa gubatu maraa ciincaa sababaa cubbu'uutiif dhiyaatullee hin jaalanne. Isattillee hin gammanne jedhe. Kunniin waan akka seeraatitti dhiyaatan. Itti aansee Waaqa kiyya! «Ani fedhii kee guutu'uuf dhufeera» jedhe. Ka lammaffa'aa ijaaru'uuf jedhee, ka duraa diiga. Akka fedha Rabbiitiin nu foon Yesuus Kiristoosii ka hennaa tokko ciincaa ta'ee kennameen woyyuu taaneerra. Hayyoonni gadootaa maruu guyya guyya'aan tajaajila ciincaa sirima cubbuu balleessuu hin dandeenne saniin hennaa maraa dhaabatee dhiyeessa. Kiristoos ammoo hennaa tokko ciincaa bara baraaf ta'u haga dhiyeesseen maayessa mirga Rabbii taa'e. Hennaa san irraa jalqabee haga diintoonni luka isaa jala ta'aniif hin eeggata. Inni hennaa tokko uf kennee worra woyyooman baraa haga bara baraa guutuu isaan taasiseera. Itti eda'ee, «Cubbuu isaaniitii fi hammeenna isaanii deebi'ee hin qaabadhu» jedha. Eega araarri maraaf kenname ammaa achi ciincaan cubbu'uuf dhiyeeffamu hin jiru. Hayyicha gadicha guddaa mana Rabbii irratti baallii qabu waan qabnuuf, sodaa sammu'uu ka dharaa irraa qulqullaayu'uun garaa keenna qulqulleeffannee, nafa keenna bisaan qulqullu'uun dhiqannee, amantaa hubanneen garaa qajeelaa'an Rabbitti haa dhiyaannuu. Ka dubbii abdi'ii kenne amanamaa waan ta'eef, akka hin sochoone, ragaa abdii keennaa haa eennuu. Jaalalaa fi hujii misha'aaf haa dadammandhuu; wol haa tooyannuu. Akkuma kaawwan biratti baratame, wolgeettii keennallee akka hin dhiifne, woliin haa mari'annuu malee, guyyaa dhufa Goofta'aa qaabata'aa ta qaraa caalaa kana godhaa'a. Beekkomsa dhuga'aa haga arganneen maayii, beeka'aa cubbuu yoo hojjanne, ammaa achi, ciincaan waan cubbu'uutiif dhiyaatu hin jiru. Ammaa achi murti'ii fi ibidda sodaachisaa diintoota Rabbii balleessu callaa eeggatu'utu hafe. Namni seera Muuse'ee tuffate, Namni lamaa yookiin sadihii yoo itti rage, gara laafinna malee ajjeefama. Namni Ilma Rabbii tuffate, waadaa dhiiga ittiin qulqullaaye san ka akka batti'iititti laakkaye, ka Ayyaana badhaadhaa arrabse adabbiin maraa caalu isa irratti waan hin taane seetanii? «Haluun tiyya, ani haluu sii baasa» ka jedhe waan beennuuf, akkasuma «Gooftaan banii ufiititti hin murteessa» Harka Rabbii jiraata'aatitti kufuun nama sodaachisa. Qabeenna caalu sami'itti isinuu akka qabdan beettaniirtan. Hidhama kiyyaaf garaa naa laaftan, qabeenni keessan hennaa fudhatamu obsitanii gammachu'uun laaltan. Eeganaa abdii uggiitii keessanii ka gatii guddaa qabu hin gatatinaa'a! Fedhii Rabbii raawwattanii, dubbii abdi'ii ka isinii kenname akka argitan obsuu isin barbaachisa. «Hennaa diqqo'oon maayii, ka dhufu'uuf ta'u, uduu hin turre dhufa. qajeelaan, amanta'aan jiraata; yoo inni gara duubaa deebi'e, lubbuun tiyya isatti hin gammaddu» Nu ammoo worra lubbuu ufii hanbisu'uuf amane malee, worra gara duubaatitti deebi'ee baduu miti. Amantiin waan abdatan dhuga'aan hin ta'a jedhanii fudhachu'uu fi waan ijaan hin argine akka waan arganiititti hin jira jedhanii laakkayu'u. Manguddootaaf ka ragameef waan kanaan. Akkuma adunyaan dubbii Rabbiitiin uumame, wonti mudhatu, waan mudhatu irraa akka hin taane amanta'aan hubanna. Abeel ciincaa ciincaa Qaa'elii caalu amanta'aan Rabbii dhiyeesse, akka kanaan Rabbi ciincaa Abeelii gammachu'uun hennaa fudhate, Abeel amanta'aan qajeelaa akka ta'e ragameef. Haga du'eellee ciincaan isaa haga ammaa dubbata. Heenook akka hin duune amaneeti amanta'aan gara sami'ii ol baye. Waan Rabbi ol isa fudhateef hin argamne. Uduu hin fudhatamne, Rabbiin akka gammachiise ragameeraaf. Amantaa malee Rabbiin gammachiisuun hin danda'amu. Namni gara Rabbii dhiyaatu akka Rabbi jiru worra isa soqaniif ka gatii kennu akka ta'e, amanuu barbaachisa. Nohi waan haga ammaa hin mudhanne amanta'aan hubatee, Rabbiin sodaata'aa maatii ufii hambisu'uuf markaba amanta'aan hojjate. Sababa amantaa isaatiif biyya lafaatitti yakki murame. Inni qajeellummaa amanta'aan argamu dhaale. Abrahaam gara ristii hin argatta jedhamee san biyya ufiitii bayee hulee dhaalaan argatu akka dhaqu hennaa waamame, gara dhaqu uduu hin beekin amanta'aan ajajame. Inni akka keessummaa biyya ormaa jiruutitti lafa isaaf waadaa galame san keessa amanta'aan jiraate. Akkuma worra isa woliin waadaa dhaalanii, akkuma Yaaqoobii fi Yisihaaqii dukkaanaa keessa akka galtu'uutitti jiraate. Qachaa hundee qabdu ta Rabbi hojjate eeggata'aa waan tureef. Ka abdii kenne amanamaa akka ta'etti waan laakkayeef, «Saaraan haga umuriin isi'iituu lufeen maayii fiixaa argatu'uuf amanta'aan hunna argate» Kanaafuu baniin baayi'inni isaanii akka urjii sami'ii ka hin laakkayamne akka xidhacha qarqara galaanaa nama tokkicha nafti isaa akka nama du'ee fakkaate keessaa dhalatan. Kunniin maruu amananii du'an, garuu dubbii abdi'ii ka isaanii kenname hin arganne. Haata'uu ammoo fago'oo arganii reebbatan. Biyya itti galan sanitti keessummootaa fi galtuu ta'uu ufii beekan. Akkas ta'uun isaanii biyya biraa qabatuu isaanii mudhisa. Uduu biyya keessaa bayan san yaadan ta'ee silaa deebi'uu danda'an. Amma ammoo biyya sami'ii ta maraa caaltu hawwan. Kanaafuu, «Rabbi, Waaqa isaaniiti» jedhamee waamamu'uuf isaaniin hin saalfatu. Waan qachaa isaanii qopheesseeruuf. Rabbi worra du'an keessayyuu kaasuu akka danda'u waan yaadeef, akkuma waan du'aa ka'eetitti Abrahaam Yisihaaqiin deebisee argate. Yisihaaqi waan durana dhufu'uuf ta'u qaabatee amanta'aan Yaaqoobii fi Eesawuun eebbise. Yaaqoob hennaa du'uu gaye, qaccee bordoo ufiititti irkifatee Rabbii sagada'aa, amanta'aan ijoollee Yooseefii maraa eebbise. Yooseef hennaa du'uu gaye, waan biyya Misirii keessaa bayuu ijoollee Isiraa'elii amanta'aan qaabatee, waan lafee ufiillee dhaamate. Muuseen haga dhalateen maayii haati isaatii fi abbaan isaa daa'ima bareedaa ta'uu isaa arganii, amanta'aan ji'a sadihii dhossaniin; labsii mooti'iillee hin sodaanne. Muuseen haga guddateen maayii ilma intala Fari'oonii akka hin jedhamne amanta'aan dide. Waan hin mudhanne akka waan arga'aaruu godhee jabaate; dheekkamsa mootichaa uduu hin sodaanne amanti'iin biyya misiriitii baye. Maleekkaan akka ijoollee hangafaa hin tundhe Faasika'aa fi dhiiga facaasuu amanta'aan godhe. Akka waan lafa gogaa irra deemaniititti galaana Ertira'aa amanta'aan ceyan. Namoonni Misirii ammoo hennaa ceeyuu yaalan hin liqinfaman. Dalloofni dhaga'aa ka Iyyaariko'oo guyyaa torbaaf haga irra naannayaniin maayii amanta'aan jige. Seebartittiin Ra'aab worra gaadu nagayaan waan simatteef, worra hin ajajamne woliin amanta'aan hin banne. Eeganaa ani maal jedha? Waan Gedewoonii, waan Baaraaqii, waan Saamsoonii, waan Yooftaahe'ee, waan Daawitii, waan Saamu'eeliitii fi waan raattotaa akka hin mammaanne hennaan na jalaa gabaabbata. Isaan amanta'aan mootummaa injifatan; qajeellummaa hojjatan, dubbii abdi'ii ka isaanii kenname argatan, Afaan Leencotaa cufan; hunna ibiddaa dhaamsan; qara sibiilaa jalaa bayan. Dadhabbii ufii irraa jajjabaatan; Lolatti janna ta'an; loltoota nyaaphaa ari'an. Dubartoonni worra du'e ka isaanii du'aa ka'iinsa isaanii simatan. Kuuwwanillee uduu fayyinna hin arganne, du'aa ka'iinsa caalu akka argataniif haga du'aa tumaman. Kuuwwanillee itti shaqqaadamee tumamanii hidhamanii mana hidha'aatitti gataman. Dhagaan tumamanii du'an. Ataabamanii, magaazi'iin baqaffamanii guraadeen du'an. Waa maraa dhaba'aa, rakkata'aa, dhiphata'aa, gogaa hoola'aatii fi gogaa re'e'ee uffatanii asii fi achi naannayan. Waan adunyaan isaanii hin taaneef, lafa gammojji'iitiif gaaratti kosha'aa fi boolla lafaatitti asii fi achi rarra'an. Lubbuu keessaniin hifattanii akka hin dadhabne, Yesuusiin mormii cubbamtoota irraa isa gaye obse san qaabadhaa'a. Cubbuu woliin wondhaansa baya'aa haga dhiinni keessan jigutti hin falmanne. Rabbi akka ijoollee ufiititti waan isin laaluuf ilmi abbaan hin adabne eennu? Haata'uu ammoo isaan maruu isaan woliin adabamaniiran, adabbii malee yoo jiraattan isin diqaala'a malee, ijoolle'ee miti yookiin ilmaanii miti. Nu abbootii haganarra nu adaban qabna. Isaanillee hin kabajjina. Eeganaa lubbu'uun jiraachu'uuf abbaa keenna ka Ayyaanaatii attamitti kana caalaa hin ajajamne? Isaan waan mishaa seeyanii hennaa diqqo'oof nu adaba'aa turan, Inni ammo woyyummaa isa irraa akka qoodamnuuf faayidaa keennaaf jedhee nu adaba. Adabbiin maruu hennaa diqqo'oof waan nama gaddisiisu malee waan nama gammachiisu hin fakkaatu. Haata'uu ammoo worra mi'eeffateef sanyii qajeellumma'aa ka nagaya uf keessaa qabu daraara. Kanaafuu irree keessan ka dadhabe ka laafee fi jilba keessan jabeeffadhaa'a. Ka hokkole akka fayyuuf malee akka hin diiggamne, luka keessaniif karaa qajeelfadhaa'a. Namoota maraa woliin nagayaan jiraadhaa'a Woyyoomuu barbaadaa'a. Isaan malee ka Gooftaa arguu danda'u waan hin jirreef. Eennuun jalaallee Ayyaanni Rabbii akka hin dhidhanne, hiddi hadhaayaan namoota hedduu batteessu isin keessaa ol margee akka isin hin rakkifne, Ka adaba hin qabne akka isin keessatti hin argamne, yookiin akka Eesawu nyaataaf jedhee hangafummaa ufii gurguratee nama adunyaa kanaaf tolu akka hin taane ufi eeggadhaa'a. Achiin maayii eebba argachuu hennaa barbaade akka dhabe isinuu hin beettan. Hagamillee booyee Aagii soqe'eef hin arganne. Isin gara gaara Siina'aa ka harkaan qaqqabamuu yookaan ka ibiddaan gubatuu, gara hurri'ii, gara dukkanaa, gara bubbe'ee, gara hulee laagaa xurumba'aa yookaan gara laagaa dubbiian himamuu hin dandeennee hin geenne. Worri waan san dhagaye, akka dubbiin biraa isaanitti hin dubbatamne kadhatan. Ajanyi, bineensoonnillee gaara san yoo tuqan dhaga'aan tumamanii haa ajjeefamanii jedhu, waan isaanitti ulfaateef obsuu hin dandeenne. Wonti achitti dhagayame akka malee waan sodaachisuuf Muuseenillee, «Ani sodaadhee holladhe» jedhe. Haata'uu ammoo gara gaara Tsiyooniitii fi gara ganda Rabbii jiraata'aa bira geettaniirtan. Gara Yeruusaalemii, gara worra sami'itti gammachu'uun wolgayaniiranii, gara Maleekkoota laakkoofsaa olii, gara worra sami'itti maqaan isaanii barreeffamee, gara tokkummaa hangafa abbaa murti'ii maraatuu ka ta'u, gara Rabbii, gara lubbuu qajeellota guutu'uu, gara Yesuusii jiddu galeessa waadaa haarawaa, gara dhiiga facaafamuu ka dhiiga Abeelii caalaa dubbatuu danda'uu bira geettaniirtan. Ka dubbataaru san jalaa akka hin dinne uf eeggadhaa'a. Yoo worri lafatti itti himame didan jalaa hin baane ta'e, eegasuu ka sami'ii nutti dubbate irraa yoo fagaanne attamitti jalaa baana? Hennaa san laagaan isaa lafa sochoose. Amma ammoo hennaa tokko deebi'ee, «Ani samii sochoosa malee, lafa calla'aa miti» jedhee waadaa galeera. Haata'uu ammoo jechi, «Hennaa tokko deebi'ee» jedhu worri hin raaffamne jabaatanii akka jiraatan wonti sochoosu yookiin wonti uumame akka badu mudhisa. Kanaafuu jeennata hin raaffamne waan argannuuf, Rabbiin kabajju'uuf sodaatu'uun gammachiisa'aa, badhaadha isa ittiin kaddaamuu haa qabaannuu. Waandhi keenna dhugamaan ibidda balleessu waan ta'eef. Akka waan isaan woliin hidhamtaniirtanii ta'a'aa worra hidhame yaadadhaa'a. Akka waan isaan woliin rakkattanii jiraata'aartaniititti worra rakkataniillee yaadaa'a! Wol fuudhuun maraa biratti ulfinna; sireenillee qulqulluu haa ta'u. Worra adaba hin qabnee fi seebartoota ammoo Rabbi isaanitti murteessa. Jaalala birri'ii irraa uf eegaa'a. Wontummaan qabdan isin haa gayu. Inninuu, «Si hin dhiisu, sirima si hin gatu» waan jedheef. Ugginee, «Gooftaan na gargaara, hin sodaadhu; namni maal na godha?» jenna. Worra ijoo dubbii Rabbii isinitti himan yaadadhaa'a. Waan jireenna isaanii keessatti argame laalaa'a; amanta'aan isaan fakkaadhaa'a. Yesuus Kiristoos kalleessa, adhaa haga bara baraa sanuma. Barumsa adda addaa haarawa hin beekkamneen hin fudhataminaa'a. Onneen teessan yoo waan badhaadha Rabbiitiin jabaatte misha'a malee, nyaataanii miti. Worri waan kana hordofan waan hin fayyadamneef. Nu hulee ciincaa itti ciinceffannu hin qabna. Haata'uu ammoo Worri dukkaanaa Yihuudotaa keessa tajaajilu, hulee ciincaan itti ciinceffamu irraa nyaatuun dhoogga'a. Hayyichi gadootaa ka waan cubbu'uutiif dhiiga hori'ii qabatee gara hulee maraa caalaa woyyitti'ii qabatee seena. Foon horii sanniinii ganda sanii baasanii guban. Kanaaf Yesuus ammoo dhiiga ufiitiin banii qulqulleessu'uuf karra qachatti'iitiin alatti rakkate. Eegasuu nullee salphinna inni baadhate san baadhannee qacha'aan ala gara isaa haa dhandhuu. Nu'u qachaa biraa guddittii ta bara baraa san eegganna malee, qachaa biraa asii hin qabnu. Eeganaa hennaa maraa Rabbii cincaa galataa jechuun woreega galataa ka afaan keennaa maqaa isaatii ragaa haa dhiyeessinuufii. Haata'uu ammoo waan mishaa godhuu, kaawwaniillee qooduu hin irraanfatinaa'a. Ciincaan akkanaa waan Rabbiin gammachiisuuf. Worra isin bulchuu ajajamaa'a. Isaan baallii Rabbiin itti gaafataman waan qabaniif jabaatanii isin eeganii. Yoo isin isaanii ajajamtan, isaan waan kana gammachu'uun hojjatan; Yoo ta'uu dhabaate gadda'aati hojjatan. Kun ammoo isiniif misha'aa miti. Nuu faateffadhaa'a; waan maraanuu waan mishaa huju'uuf hawwii waan qabnuuf yaada qulqulluu akka qabnu hubanneerra. Keessattuu akka dafee gara keessan dhufu jabeessee isinii kadhadha. Ka dhiiga waadaa bara baraatiin tissee guddaa hoolotaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin ka worra du'an keessaa isa kaase Waandhi nagayaa, karaa Yesuus Kiristoosiitiin afoo ufiititti waan isa gammachiisu isiin keessatti raawwata'aa akka isin fedha isaa mishaa mara gootaniif guutuu isin haa taasisuu. Isaaf baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin. Obboleeyyan tiyya! Dubbii gorsaa akka obsitan isin gorsa; dubbii diqqoo tana isinii barreesseera. Obboleessi keenna Ximootiwoos akka mana hidha'aatii hikkame beekaa'a. Yoo inni dafee dhufe isa woliin dhufee isin arga. Worra isin bulchan maraa fi woyyoota maratti nagaya naa himaa'a. Worri Ixaaliyaa keessa jiran nagaya isinii dhaamaniiran. Badhaani Rabbii isin maraa woliin haa ta'u! Amiin. Garbicha Rabbiitii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii Yaaqoobiin irraa, gosoota kudha lama worra bittinnooftaniif nageenni isinii haata'u. Isin worra ciniinnattan, worra obsi keessan bilchaateef guutuu ta'e, worra dhidhina hin qabne akka taatan isin taasisa. Isin keessaa namni ogummaa hin qabne, uduu hin komatin Rabbii arjumma'aan maraafuu kennu haa kadhatuu. Isaa hin kennamaa. Isin keessaa eennullee womaa uduu hin mamne amanta'aan haa kadhatuu. Namni shakku nama bubbee danbalii galaanaatiin dhiibamee socho'u fakkaata. Namni yaada lamaa qabu, ka karaa isaa maratuu dhaaba hin qabne, Namni sun Gooftaa biraa waan tokkollee waan argatu isatti hin fakkaatin. Obboleessi gad uf qabu ammoo waan Rabbi ol isa qabuuf haa boonuu. Dureessi yoo gadi uf qabe, haa boonuu. Qabeennillee akka daraaraa margaa waan lufuuf. Aduun oo'a woliin baati. Marga hin quursiti, daraaraan hin harca'a. Bareenni bifa isaallee hin bada. Akkasuma durreessillee karaa isaa ka jireennaa keessatti hin dadhaba. Namni ataabee keessatti ciniinnatu eebbifama'a. Inni hennaa ataabameen maayessa gatii jireennaa yookiin badhaasa Rabbi worra isa jaalatuuf waadaa gale san hin fudhata. Eennullee hennaa ataabame, «Rabbiin ataabame» hin jedhin; Rabbi hamtu'uun waan nama hin ataabneef, Inni ufiif eennuunillee hin ataabu. Haata'uu ammoo namni hawwii ufiitiin yoo harkifameef sobame hin ataabama. Achiin maayessa dharraan yoo ulfoofte, cubbuu dhalti. Cubbuun sun haga guddatteen maayii du'a dhalti. Obboleeyyan jaalatamtoota, hin sobaminaa'a. Kennaan mishaan, eebbii guutuun maruu olii dhufa. Kennaan mishaan, kennaan mudaa hin qabne cuftinuu abbaa ifaa akka gaaddidduu hin jijjiiramne san biraa gubba'aa gad-bu'a. Nu uumama maraaf hangafa akka taanu dubbii dhuga'aatiin yaadee nu uume. Kanaafuu obboleeyyan jaalatamtan, namni maruu dhagayu'uuf ariifataa'a, dubbatu'uuf suuta, worra aari'iifillee hin ariifanne ta'aa'a. Aariin namaa qajeellummaa Rabbii hin hojjatu. Kanaafuu battummaa maraaf hammeenna baayi'ee uf keessaa balleessa'aatii ka keessa keessaniitti dhaabamee lubbuu keessan fayyisuu danda'u, dubbii Rabbii fayyaalumma'aan fudhadhaa'a. Worra dubbii Rabbii raawwattan ta'aa malee, worra uf dogoggorsa'aa dubbii callaa dhageettan hin ta'inaa'a. Ka dubbii Rabbii dhagayee hujii irra hin oolchine yoo jiraate, nama fuula ufii uf-arga'aan laallatu fakkaata. Inni fuula ufii argee hin deema. Yoma san fuulli isaa maal akka fakkaatu hin irraanfata. Haata'uu ammoo seera wolaba isa baasu laalee huji'itti jabaatee ka hojjatu malee, dhagayee ka hin irraanfanne yoo ta'e huji'iin ka eebbifame ta'a. Namni arraba ufii uduu hin eenne, onnee ufiitiin dogoggora'aa waan Rabbiin kaddaamu fakkaatu eennullee yoo jiraate, kaddaamuun isaa duwwa'a. Kaddaamuun qulqulluu ta'e, Rabbii Abbaa biratti ka mudaa hin qabne kana. Ijoollee abbaa haadha hin qabnee fi dubartoota abbaan manaa irraa du'e gargaara'aa hamaa biyya lafaa irraa uf eeggachu'u. Obboleeyyan tiyya! Waan amantaa kabajjamaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii qabattaniif, fuula namaa laala'aa wol hin caalchisinaa'a. Namni uffata bareedaa uffatee, qubee worqi'ii godhatee, walgayii keessan yoo seeneef, hiyyeessi uffata xurii uffate ammoo yoo seene, Ka uffata bareedaa uffate laaltanii, «Ati hulee mishaa kana taa'i» yoo jettaniin, hiyyeessa uffata xuri'ii saniin ammoo, «Ati achi dhaabadhu yookiin luka kiyya jala taa'i» yoo jettaniin, Ufii wol qooda'aartanii mii? Abboota seeraa ka yaada hamaa qaban ta'uu keessanii mii? Obboleeyyan jaalatamtoota dhagayaa'a, Rabbi akka amanta'aan dureeyyii ta'aniif, akka isaan jeennata inni worra isa jaalataniif waadaa gale san galaniif hiyyeessota adunyaa tanaa filateeraa mii? Isin ammoo hiyyeeyyii salphiiftan; Dureeyyiin worra isin dhiphisuu mii? Gara mana murtee worri isin harkisan isaanii mii? Maqaa mishaa ittiin waamamtan worri arabsan isaanii mii? Akkuma kitaabnni woyyuun, «Hiriyaa kee akka uf jaalattutti jaaladhu» jedhu seera mooti'iillee yoo raawwattan waan mishaa gootan. Afoo namaatitti ammoo yoo ka nama wol caalchiftanii, cubbuu hojjataartan. Seeriillee akka nama yakkamaa tokkootitti isinitti murteessa. Namni seera maraa eegee, tokko yoo cabse eennullee yoo jiraate maraanuu yakkamaa ta'a. Ka hin seebarin jedhe akkasuma hin ajjeessin jedheera. Uduu hin seebarrellee deebiftee yoo nama ajjeefte seera irra darbiteerta. Akka worra seera wolabummaa kennu afo'otti dhiyaattanii murtii argattanitti dubadha'a, hojjadhalle'e. Ka namaan hin araaramne, murtee araara hin qabnetu isa eeggata. Araarri murtii injifata. Obboleeyyan tiyya! «Amantaa qaba» jedhee, garuu namni huji'iin hin mudhifne yoo jiraate bu'aa maal isaa qabaa? Amantaan isa fayyisuu danda'aa? Obboleessa yookiin obboleetiin waan uffatan yookiin waan nyaatani yoo dhaban, Isin keessaa tokko worra waan nyaatu dhabeen nagayaan deemaa quufaa ibidda oo'ifadha'a quufaa uduu isaaniin jettanii waan nafa isaaniitiif barbaachisu yoo hin kennineef bu'aa maal isaanii qaba? Akkasuma amantaan hujii hin qabne yoo jiraatte amantaan sun ta duute. Haata'uu ammoo namni tokko, «Ati amantaa qabda; anillee hujii qaba» yoo jedhe, «Amantaa kee huji'iin adda baasii na mudhisi; ani amantaa kiyya huji'iin si mudhisa» jedha. Rabbi akka tokko ta'e ati hin amanta. Mishaa goote jinniinillee akkasuma hin amana; hin sodaata. Ati nama gowwaa amantaa huji'iin addaan baye ka du'e akka ta'e beekuu feetaa? Abbaan keenna Abrahaam Yisihaaqiin ilma ufii ciinca'aaf hennaa dhiyeesse huji'iin hin qajeelaa hin taanee? Amantaan hujii woliin akka wol gargaara'aa ture, amanta'aan hujiin akka raawwatame argitaa? Kitaabni, «Abrahaamillee Rabbitti amanee qajeellummaa ta'ee laakkawameef» ka jedhe raawwatameeti; jaalallo Rabbii jedhame. Namni amantaa calla'aan uduu hin taane huji'iin akka qajeelaa ta'e argitaniirtan. Akkasuma seebartuun Ra'aab ammoo ergamoota simattee karaa biraatiin hennaa ergite, huji'iin qajeeltuu hin taanee? Akkuma foon lubbuu irraa baye ka du'e ta'e, akkasuma ammoo amantaan huji'iin adda fooyame ka du'e. Obboleeyyan tiyya! Marti keessan barsiisota hin ta'inaa'a. Worri akkasii murtii caalu akka argatu waan beettaniif. Nu martinuu waan hedduun hin dogoggora; namni waan ufii dubbatuun hin dogoggore, inni nama nafa ufii tooyatuu danda'uu fi nama guutu'u. Akka faradoonni nuu ajajamtuuf lugaama afaan isaaniititti goonee, gara feene geessina. Akkasuma markaboonni hagamillee guddaa ta'anii, qilleensaan yoo oofamanillee namichi oofu gara ufii fedhe ooftu'uun markaba baayi'ee diqqo'oon gara ufii fedhe oofa. Akkasuma arrabni waan diqqoo ta'ee uduu jiru waan gudda'atti dhaadata. Ibiddi diqqoon bosona guddaa attamii gubidi. Arrabni ibidda; arrabni qaama nafaa jidu'utti adunyaa hamtu'u; qaama nafaallee hin batteessa; foon maraa hin xureessa; deemsa jireenna keennaa maraa hin guba; Ibidda asaabaatittillee hin gubata. Busaayaa, simbirroonni, worri sossochoo'anii fi galaana keessa jiraatan, gosoonni uumamaa maruu namaan leenji'aman. Haata'uu ammoo eennullee arraba ufii leenjisuu hin danda'u. Hadhaa nama ajjeessuun guutamee fi hamaa gara hin qabne. Isumaan Aabba'aa fi Gooftaallee eebbifna. Isumaan namoota fakkeenna Rabbiitiin uumamanillee abaarra. Afaanuma tokko keessa eebbinii fi abaarsi baya. Obboleeyyan tiyya! kun garuu ta'uun hin barbaachisu. Burqaan tokko bisaan mi'aayuu fi bisaan haadhayu hin burqisiisaa? Obboleeyyan tiyya! munni hurbu'uu ejersa yookiin woyiniin hurbuu daraaruu hin dandeettii? Bisaan sooqiddaa keessaa bisaan mi'aayaan hin bayu. Isin keessaa ogeessinii fi hubataan eennuu? Jireenni mishaan ogumma'aa fi fayyaalumma'aan hujii ufii haa mudhisuu. Hadhaan hinaaffa'aa fi wol qooduun garaa keessan keessa yoo jiraate, kanaan uf hin jajinaa'a. Dhugaa malee soba hin dubbatinaa'a. Ogummaan akkasii sun ka lafaati, ka fooniiti, ka seexanaati malee ka samii irraa dhufuu miti. Bakka hinaaffa'aa fi uf jaalachuun jiru san boorreessa'aa fi hujiin hamaan waan jiruuf. Ogummaan Rabbiin irraa ammoo woyyitti'i, araaramtu'u. Gara-laafettii ta maarre jettu, ta araaraa fi daraaraa misha'aan guuttamte, ta mami'ii fi ta uf tuuluulee hin qabne. Daraaraan qajeellumma'aa namoota nagaya buusaniin facaafama. Woranninii fi lolli eessaa isin bira dhufani? woraana halcha qaama keessan woraanu irraa mii? Hin hawwitan isinii hin ta'u, hin ajjeeftan, jabeesitaniillee hin barbaadan, garuu argachuu hin dandeetan; wol loltan wol worantanille'e. Isin waan argatan san hawwii foon keessanii guutachu'uuf jettanii dharaan waan kadhataniif hin argattan. Seebartoota adunyaa jaalachuun Rabbiin wol loluu akka ta'e, hin beettanii? Eegasuu ka biyya lafaatiin goshoo ta'uu fedhu maruu diina Rabbii ta'eera. Namni jaalalloo adunya'aa ta'u maruu diina Rabbii ta'eera. Moo ka kitaabni, «Hafuurri nu keessa hinaaffa'aan hawwa» jedhu sun waan akkanumaan dubbate seetanii? Haata'uu ammoo badhaadhummaa caalu kenna. Waan akkanumaan dubbate seetanii? Badhaadha guddisee kenna; kanaafuu Rabbi worra uf jajuun hin morma; worra kaso'oo fi ammo badhaadha isaanii kenna. Eegasuu Rabbiif ajajamaa'a, daabiloosiin mormaa'a; innillee isin irraa dheessa. Gara Rabbii dhiyaadhaa'a, innillee gara keessan dhiyaataa. Isin cubbamoota harka keessan qulqulleessaa'a. Isinillee worri yaada lama qabdan garaa keessan qulqulleessaa'a Cinqama'a, gadda'a, booya'a kolfi keessan gara gaddaa, gammachuun keessanillee gara gadda haa jijjiiramuu. Gooftaa afo'otti mataa keessan gadi uf qabaa'a. Innillee ol isin qabaa. Obboleeyyan tiyya! Wol hin hamatinaa'a! Ka obboleessa ufii hamatuu fi ka obboleessa ufiititti murteessu seera hamata. Seerattillee hin murteessa. Yoo seeratti murteessite, ati murteessa'a malee, nama seera hujii irra oolchuu miti. Ka seera kennuuf ka murteessu tokko. Innillee ka fayyisu'uuf ka balleessuu danda'u. Ati eennu ka nama biraatitti murteesitu? Ammallee, «Adha yookiin boru gara qachaa sanii deemnee woggaa tokko achi jiraanna. Daldalannee bu'aa buufanna» worri jettan, asi laalaa'a! Isin waan boru ta'u waan hin beenneef, jiruun keessan maali'ii? Isin akka hurrii hennaa diqqoo mudhatee baduu ti. Bikka san, «Yoo Gooftaan jedhee fi yoo jiraanne, kana yookiin san goona» jechuu barbaachisa. Amma ammoo isin boontanii uf jajjan. Uf jajuun akkasii martinuu hama'a. Eegasuu waan mishaa beeka'aa nama hin gooneef cubbu'u. Ammallee isin dureeyyiin rakkinna isin irraa gayuuf ani bade ani bade jedha'aa booyaa'a. Qabeenni keessan badeera. Uffanni keessan xiinxana'aan nyaattameera. Worqi'ii fi meetiin keessan dammeessayeera. Dammeessayuun sunillee ragaa isinitti ta'a. Foon nafa keessanii akka ibiddaatitti nyaata. Isin bara dhumaa qabeenna wolitti qabattaniirtan. Mindaan isin worra midhaan keessan haaman dhooggattan sun hin iyya, iyyi worra midhaan keessan haamanii gurra Gooftaa banii maraa seeneera. Isin lafa irratti qanani'ii fi gammachu'uun jiraattaniirtan; seebaruu keessa jiraattan. Guyyaa qalamtaniif uf gabbiftaniirtan. Isin nama qajeelaa isin hin morminetti murteessitanii ajjeeftaniirtan. Eegasuu obboleeyyan tiyya, haga Gooftaan dhufuuf obsaa'a. Qotee bulaan haga rooba duraatiif ka maayessaa argatuuf obsa'aa daraaraa lafaa kabajjamaa eeggata. Isinillee akkasuma obsaa'a! guyyaan dhufa Goofta'aa waan dhiyaateeruuf, jabaadha'aa dhaabadhaa'a. Obboleeyyan tiyya! Akka isinitti hin murtoofneef wolitti hin gururi'inaa'a! Kunoo abbaan murti'ii balbala afoo dhaabateera. Obboleeyyan tiyya, raattota maqaa Goofta'aatiin dubbatanii turan san, akka fakkeenna rakkinna obsu'uutitti laalaa'a! Worra obsaan dhaabatan eebbifamtoota isaaniin jenna. Iyoobillee obsee akka Gooftaan raawwateef dhageettanii argitaniirtan; sababnillee waan Gooftaan araarama'aa fi garalaafessa ta'eef. Obboleeyyan tiyya, waamaraa dura ardi'ii fi sami'itti waan biraallee yoo ta'e womaanuu hin kakatinaa'a! Haata'uu ammoo murtii jalatti akka hin kufne dubbiin keessan ee yoo ta'e, «Ee» jedhaa'a; wa'a yoo ta'e, «Wa'a» jedhaa'a. Isin keessaa namni rakkoon irra gaye eennullee yoo jiraate inni haa kadhatuu. Ka gammade eennullee yoo jiraate inni haa faarsuu. Isin keessaa ka dhukkubsate eennullee yoo jiraate, bulchitoota Woldaa Kiristaanaa gara ufii haa waamatuu; maqaa Goofta'aatiin zayiti ibsanii haa kadhataniifii. Kadhaan amanta'aa dhibamaa san hin fayyisa. Gooftaanillee hin kaasaan; yoo cubbuullee hujjee jiraate hin dhiifamaaf. Cubbuu keessan wolitti himadhaa'a, akka fayyitaniifillee tokko ka biraatii haa kadhatuu. Faateen nama qajeela'aa hunna waan qabduuf waan guddaa gooti. Eliyaas namuma akka keennaa ture, akka Roobni hin roobne jabeessee kadhate. Biyya lafaa irratti woggaa sadiif ji'a jahaa hin roobne. Ammallee deebi'ee kadhatee jennaan roobni roobe. Laftillee daraaraa baafte. Obboleeyyan tiyya! Isin keessaa eennullee dhugaa irraa yoo gore, namni biraa gara dhuga'aa yoo isa deebise, Nama cubbamaa san cubbuu irraa waan deebiseef, lubbuun cubbamaa sanii cubbuu jalaa hin fayyiti, cubbuu hedduufillee akka inni araara argatu akka godhe haa beekuu. Waan badhaadha isinii kennamuu raattonni raaga dubbatan waan fayyinna kanaa jabaatanii soqanii qoratan. Ayyaanni Kiristoosii ka isaan keessa jiru, waan rakkoo Kiristoosiitii fi Ulfinna isaan maayessa dhufu firrisee raga'aa, yoom yookaan bara attamii akka raawwatu qorata'aa turan. Isaan Ayyaana Woyyuu samii gubba'aa isaanii ergameen namoonni Oduu Nagayaa isinitti himan amma waan isinitti himan kanaan isin tajaajilan malee, akka ufi hin tajaajille isaanii ife. Waan kana Maleekkonninuu arguu hawwa'aa turan. Kanaafuu waan gootan marattuu qalbii teessan qopheessaa'a; worra uf qabdan ta'aa'a; hagatti jiraadhaa'a. Badhaadha Gooftaan Yesuus hennaa mudhatu isinii kennu san abdii godhadhaa'a. Akka fedha ijoollee hin ajajamnee, jireenna dura wollaalaan keessa jiraattan san hin hordofinaa'a. Rabbiin nama maraa wol hin caalchifnee fi nama maraa irratti akka hujii isaatiin itti muru, yoo ka «Aabbaa» jettanii waamtan ta'e, haga adunyaa tana irra keessummumma'aan jirtan, isa sodaata'aa jiraadhaa'a Dhuga'aaf ajajamma'aa jaalala obbolumma'aa ta uf tuullumma hin qabneen lubbuu teessan qulqulleessa'aa gara'aan jabeessa'aa wol jaaladhaa'a. Isin worri lammaffaa dhalattan fiixaa badu irraa miti. Dubbii Rabbii ka bara baraan jiraatuun, fiixaa hin banne irraa dhalattan malee. Kanaaf Kitaabni Woyyuun «Worri foon uffatan maruu akka margaati, ulfinni isaa maruu akka daraaraa raasa'aati, margi hin goga; daraaraaniillee hin harca'a. Dubbiin Goofta'aa ammoo bara baraan jiraata. Dubbiin Oduu Nagayaa ka isinitti himamellee kana.» Eegasuu hammeenna, dhara, uf jajuu, hinaaffa'aa fi hamii mara uf keessaa balleessa'aatii, Gara dhagaa jiraataa namaan jibbamee ka Rabbiin biratti ammoo kabajjamaa ta'ee filatameetitti dhiyaata'aa, Isiniilee akkasuma akka dhagaa jiraata'aa taatanii Yesuus Kiristoosiin keessaa ciincaa Ayyaanaa ka Rabbiin gammachiisu dhiyeessu'uuf gadoota woyyuu akka taatan mana jireenna Ayyaanaa ta'u'uuf ijaaramaa'a. Kitaaba keessatti dhagaa handhuura ijaarsaa filatama'aa fi ka gatii guddaa qabu Tsiyooniin keessa dhaaba. Namni isatti amanu tokkollee hin saalfatu jedhamee barreeffameera. Eegasuu ulfinni isin worra amantanii fi worra hin amannee ammoo, «Dhagaan ogeessoonni mana ijaaran gatan sun, dhagaa handhuura ijaarsaa, dhagaa guutu'uutii fi siidaa gufachiisaa ta'e» Isaan worra hin amanne waan ta'aniif, dubbii isaatiin gufatan. Isaanillee worra kufaati'iif qophaayan. Isin ammoo dukkana keessaa gara ifa isaa ka maalale'eetitti ka isin waame, dhaloota mishummaa isaa dubbatu'uuf filatame, gadicha mooti'ii, banii woyyu'uu fi gosa ristii isaatiif fooyame. Isin duraan banii isaatii miti, amma ammoo banii Rabbii taataniirtan. Isin duraan worra araara argatee miti, amma ammoo araara argattaniirtan. Goshoota tiyya, biyya lafaa ta akka ormaatii fi keessumma'aa taatanii irra jiraattan keessatti hawwii foonii ta lubbuu teessaniin wol lolu irraa akka fagaattan isin kadhadha. Worra hujii keessan mishaa arga'aa akka waan hamaa hojjattaniititti maqaa isin balleessan, guyyaa Rabbi banii ufii laalu'uuf dhufu akka Rabbiin kabajjan worra isin hamatan jiddu'utti jireenni keessan mishaa haa ta'uu. Goofta'aaf jedha'aatii worra baallii qabu maraafuu ajajamaa'a; mooti'iillee yoo ta'e baallii guddaa waan qabuuf, bulchaallee yoo ta'e, worra hamaa hojjatan adabu'uuf worra waan mishaa hojjatan galateeffachu'uuf mootii moototaa biraa waan ergamaniif isaanii ajajamaa'a. Waan mishaa huja'aa gowwoota waan faayidaa hin qabne hojjatan akka cadhisan taasisuun fedha Rabbii waan ta'eef. Akka worra bilisa bayeetitti Rabbiif garboota ta'a'aa jiraadhaa'a malee, bilisummaan keessan sun waan badooma keessan ittiin dhoffattan akka ta'u hin godhinaa'a. Nama maraa kabajjaa'a, obboleewwan jaaladhaa'a, Rabbiin sodaadhaa'a, mootii kabajjaa'a. Garboota! Isinillee worra isin bulchan misha'aaf gara laafeeyyii callaa uduu hin taane akkasuma worra hammeeyyi'iillee sodaa gudda'aan isaanii ajajamaa'a. Namni dharaan rakkoon irra gayu; Rabbiin yaadata'aa gadda ufii san yoo obse hin galatoonfama. Isin cubbuu hojjattanii gad-qabamtanii yoo obsitan galata maal qabdan? Haata'uu ammoo waan mishaa gootanii yoo rakkinna isin irra gaye obsitan, waan kanaaf Rabbi isin eebbisa. Wonti waamamtaniif kana waan ta'eef akkasuma Kiristoosiin faanaa akka deemtaniif fakkeenna isinii ta'ee waan waan keessaniif rakkinni isa irra gayeef. Inni sirimaa cubbuu hin hojjanne, sobnillee afaan isaa keessa hin jiru. Hennaa isa arrabsanillee deebi'ee hin arrabsine, hennaa isa rakkisanillee inni namatti hin baananne. Waaqa qajeellumma'aan murtii kennutti dabarsee uf kenne malee. Cubbuu irraa duunee, qajeellumma'aaf akka jiraannu, Kiristoos cubbuu keenna nafa ufiitiin fannoo irratti baadhate. Isin tumama madaa isaatiin fayyitaniirtan. Isin akka hoolota karaa irraa baddee taatanii turtan. Amma ammoo gara tisse'eef eedduu lubbuu teessanii deebitaniirtan. Bareenni keessan waan gubbanaan mudhatu, mataa dhayachu'uun, worqii godhachu'uu fi uffata babbareedaa uffachu'uun hin ta'in. Haata'uu ammo Rabbiin afo'otti ka gatii guddaa qabu Ayyaana gara-laafessaa fi lashii qabu ka hennaa maraa hin banne sun, namummaa keessan ka keessaa haata'uu. Dubartoonni woyyuun durii worri Rabbiin abdatan sun akkasuma abbaa manaa isaaniitii ajajamu'uun waan badhaafamaniiraniif. Akkasuma Saaraan Abirahaamiin, «Gooftaa kiyya» jettee waama'aa isaa ajajamte, isinillee ammoo waan nama naasisu tokko uduu hin sodaanne waan mishaa yoo gootan ijoollee isi'iiti. Akkasuma isinillee Abboonni manaa! Uumama dadhabaa waan ta'aaniif haadha manaa teessanii beeka'aafii woliin jiraadhaa'a. Faateen keessan akka isin jalaa hin qabamne akkasuma akka worra jireenna Ayyaanaa dhaaluutitti isaan kabajjaa'a. Waa maraanuu isin martinuu yaadaan tokko ta'aa'a. Rakkoon nama biraa akka waan keessan ta'eetitti laakkayaa'a. Akka obboleewwaniititti wol jaaladhaa'a, gara-laafeyyi'iif kasoo ta'aa'a. Hamaa hama'aan yookiin nama isin arrabse arrabaan hin deebisinaa'a; bikka san isaan eebbisaa'a, eebba dhaalu'uuf waan waamamtaniirtaniif. Akkuma Kitaabni Woyyuun jedhu, «Namni jireenna barbaaduu fi bara mishaa arguu fedhu, arraba ufii hamtuu dubbachuu irraa, hidhii ufiitiin dhara dubbachuu irraa uf haa eeguu. Inni hamaa irraa haa fagaatuu, waan mishaa haa hojjatuu, soqatee faanaa haa deemu, Ijji Goofta'aa gara worra qajeellotaa laalti; gurri isaallee kadhaa isaanii waan dhagayuuf; fuulli isaa ka aari'ii, gara worra waan hamaa hojjatuuti.» Waan mishaa godhu'uuf yoo hinaaftan, ka isin rakkisu eennu? Haata'uu ammoo waan mishaa hojjata'aa yoo rakkoon isin irra gaye, isin eebbifamtoota sodaachisaa isaanii hin sodaatinaa'a hin raafaminalle'e. Haata'uu ammoo Gooftaa keessan Kiristoosiin onnee keessan keessatti woyyoomsaa'a. Waan abdii keessanii worra isin gaafatu maraafuu deebii kennu'uuf hennaa maraa qophaayaa'a. Haata'uu ammoo gara-laafumma'aa fi soda'aan haata'uu. Jireenna keessan mishaa isin Yesuus Kiristoosiin keessaan qabdan akka waan isin waan hamaa gootaniititti namoonni isin hamatan akka saalfatan, isin yaada mishaa qabaadhaa'a. Fedhiin Rabbii eega akkana ta'e, hamaa hojjachu'uun rakkachu'uu mannaa, mishaa gootanii rakkachuu woyya. Kiristoos akkasuma gara Rabbii nu dhiyeessu'uuf jedhe, inni qajeela'a; haata'uu ammoo nu worra qajeellummaa hin qabneef sababa cubbuu keennaatiif du'eera. Ayyaanaan ammoo jiraataa ta'e. Inni Ayyaanuma saniin deemee lubbuu mana hidha'aa keessa jiranitti Oduu Nagayaa hime. Namoonni hagoon sun lubbuu nama saddeetii badii bisaanii ka hennaa Nohi markaba qopheesse badii jalaa bayan. Hennaa obsa Rabbii ka bara Nohii san kuuwwan ammoo hin ajajamne. Bisaan kun fakkeenna cuupha'aa ta'ee amma nu fayyisa. Cuuphaan kunillee cuuphaa xurii nafaa dhiqachu'uu uduu hin taane waadaa namni yaada qulqullu'uun Rabbiin kadhatu. Kunillee du'aa ka'iinsa Yesuus Kiristoosii ti. Kiristoos amma gara sami'ii ol bayee mirga Aabba'aa taa'eera. Maleekkonni worri baallii qabaniif hunna qabeeyyiin martinuu baallii isaa jala jiran. Barri fedhii worra Yihuudota hin taanee gootan wol qirqissu'uuf, hawwiin foonii machaayyuu, sirbuu, akka malee dhuguu, hulee shinga'aatitti argamu'uu fi waaqolee tolfamaa kaddaamuun barri akkasii sun isin gaya. Isaanillee waan isin isaan woliin hujii hamaa san hin hujjanneef isin maalalanii isin arrabsan. Isaan ammoo waan godhan kanaaf Rabbii worra jiraniif worra du'etti murteessu'uuf qophaaye afo'otti deebii kennan. Sababaan worra du'etti Oduun Nagayaa himameef, kanuma. Kunillee fooniin akka namaatitti isaanitti murama. Ayyaanaan ammoo akka Rabbi jaalatutti jiraatan. Haata'uu ammoo dhumti waa maraatuu dhiyaateera. Kanaafuu akka nama sammuu qabuutitti yaadaa'a. Akka Rabbiin kadhatuu dandeettan hagatti jiraadhaa'a, uf qabaa'a. Jaalalti cubbuu hedduu waan dhossituuf, waa maraa dura jabeessa'aa wol jaaladhaa'a. Guugummii tokko malee wol-keessummeessaa'a. Akka tooyataa amanama'aa kennaa Rabbii ka adda addaa hujii irra oolchuu tokkootitti isin maruu kennaa Rabbiin irraa argattan kanaan wol-tajaajilaa'a. Namni kamuu yoo dubbatu akka dubbii Rabbiititti haa dubbatuu. Ka tajaajilu, hunna Rabbi naa kenneen jedhee haa tajaajiluu. Ulfinnaa fi baalliin baraa haga bara baraatitti karaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiif haa ta'u! Amiin. Goshoota tiyya! Rakkinni isin jiddu'utti akka ibiddaa isin qoru'uuf ta'aaru, akka waan rakkinniniif ajaa'ibni woyii isinitti dhufeetitti hin maalalfatinaa'a. Haata'uu ammoo hennaa Kiristoos ulfinna ufiitiin mudhatu gammachuun keessan guddaa akka ta'u worra rakkoo isaa qoodamtan waan taataniif gammadaa'a. Maqaa Kiristoosiitiin yoo tuffatamtan, Ayyaanni ulfinnaa, Ayyaanni Rabbii waan isin irratti harabaafatuuf isin worra eebbifame. Isin keessaa nama ajjeesu'uun, hatu'uun, nama irratti waan hamaa hojjachu'uun, waan isa hin galchine keessa galee hin rakkatin. Haata'uu ammoo Kiristaana ta'uu isaatiin yoo rakkoon isarra gaye, Rabbiin haa galateeffatuu malee hin saalfatin. Hennaan murtiin mana Rabbii keessaa jalqabu gayeera. Murtiin kun yoo ka nurraa jalqabu ta'e, worri Oduu Nagayaa ka Rabbiitii hin ajajamne dhumtii isaanii attam ta'inna? Kitaabni woyyuun, «Namni qajeelaan yoo ka rakkinna keessatti fayyu ta'e, dhartichinii fi cubbamtichi attam ta'ee jiraata ree?» Kanaafuu akka fedhii Rabbiititti worri rakkinni irra gayu, waan mishaa hojjata'aa lubbuu isaanii Rabbii amanama'atti yaboo haa kennatanii. Eegasuu ani akkuma isaanii manguddoonni woldaa Kiristaanaa ragaa baatuu rakkinna Kiristoosii akkasuma ulfinna Kiristoosii ka mudhatu'uuf ta'u, qoodamu, manguddoota isaan jidduu jiran maraa hin gorsa. Tika Rabbii ka Rabbi akka isin tissitan isinitti kenne eegaa'a, hunnaan uduu hin taane akka fedha Rabbiititti, jaalalaan bulchaa malee, giddi'iin hin bulchinaa'a. Dhara bada'aanii miti, fedha mishaa'an malee. Tooyadhaa'a; fakkeenna isaanii ta'aa'a malee, woldaa amantootaa hunnaan hin bulchinaa'a. Bulchaan tissee hoolotaa hennaa dhufe badhaasa ulfinnaa ka hin banne argattani. Kanaafuu ka'imman! Manguddootaa fi ajajamaa'a, marti keessanuu wol jaalachu'uun wol gargaara'aatii kasummaa akka uffataa uffadhaa'a. «Rabbi worra uf jaju hin morma;, worra kaso'oo ammoo badhaadha kenna» Kanaafuu Rabbi hennaa ufiititti akka ol isin qabu harka Rabbii hunna qabeessaa jalatti gad-uf deebisaa'a. Inni waan keessan waan yaaduuf. Waan isin rakkisu maraa isa irratti dhiifadhaa'a. Diinni keessan daabiloos akka Leenca waan nyaatu soqa'aa asii achi naannaya'aa aaduu waan ta'eef, hagatti jiraadhaa'a, dammaqaa'a. Obboleeyyan keessan ka adunyaa kana irra jiran rakkinni akkanaa kun akka isaan irra gayu beekaa'a; amanti'iin cima'aa dhaabadhaa'a daabiloosiin mormaa'a. Karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara badhaadha ulfinna maraa Waandhi isin waame hennaa diqqoo haga rakkinni isin irra gayeen maayessa, inninuu guutuu isin taasisa. Isin dhaaba, isin jajjabeessa. Isaaf ulfinninii fi hunni baraa haga bara baraa haa ta'u! Amiin. Badhaani dhaabattaniin badhaadha dhuga'aa ka Rabbii akka ta'u isin gorsa'aa, isinii raga'aa ka akka obboleessa amanamaa ta'etti isa laakkaye, karaa Siliwaanosii irraan gabaabamatti kana isinii barreesseera. Woldeenni Kiristaanaa ta baabilooniin keessatti filatamteertuuf ilmi kiyya Maarqoosillee nagaya isinii dhaamaniiran. Dhungoo jaalalaatiin wol reebbata'aa, nagaa wol gaafadhaa'a. Nageenni worra Kiristoosiin keessa jiraniif isiniillee haa ta'u! Amiin. Ana Simoon Pheexroos ka ergama'aa fi garbicha Yesuus Kiristoosii ta'e irraa, worra karaa qajeellummaa Waaqa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiititti amananiif; Waan hawwii badumma'aa badii adunyaa tanaa jalaa baatanii, amala Rabbii worra qoodamu dubbii abdi'ii keessa akka taatan, abdii gudda'aa fi kabajjamaa kanniin nuu kenne. Sababaa kanaaf jajjabeenna mara mudhisa'aa amantaa keessan irratti mishummaa eda'aa'a. Mishummaa irratti beekkomsa, beekkomsa irratti uf qabuu, uf qabuu irratti gadi dhaabachuu, gad-dhaabachuu irratti nama Rabbii fakkaachuu. Nama Rabbii fakkaachuu irratti, obboleewwanii yaaduu, obboleewwanii yaaduu irrattillee jaalala eda'aa'a. Yoo wonti kunniin isinii guddisee baayi'ate, beekkomsa Gooftaa Yesuus Kiristoosiin worra hujii hin qabnee fi worra daraaraa jireennaa hin qabne akka hin taane isin taasisa. Worri waan kanniin hin qabne jaamoota, worra waan dhiyoo jiru callaa argu. Cubbuu dura irraa qulqullaaye san irraanfateera. Kanaafuu obboleeyyan tiyya, waamamuu keessanii fi filamuu keessan akka jabeessitan ka duraa caalaa jabaadhaa'a. Waan kanniin yoo gootan horomaa hin gufattan. Akkasuma gara jireenna bara baraa, gara Gooftaa keennaa fi gara jeennata fayyisaa keennaa Yesuus Kiristoosii galu'uuf mirga guutu'utu isinii kennama. Kanaafuu waan kanniin hagamillee yoo beettan, dhugaa isin bira jirtuun hagamillee yoo dhaabattan waan kanniinii hennaa maraa isin qaabsisuu hin dhiisu. Ani haga jiruu keessummumma'aa kana keessa jiru yaada keessan kakkaasuun waan ta'u natti fakkaata. Akka Gooftaa keenna Yesuus Kiristoos natti mudhiseetti jiruu lafa kanaa irraa dafee akka deemu hin beeka. Ani deemullee waan kana maraa akka isin hennaa maraa qaabattan godhu'uuf tattaafadha. Hunnaa fi dhufa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ka isinitti beessifne, gaachena isaa argineeti malee oduu ogummaa namaatiin uumameetiinii miti. Hennaa laagaan ulfinnaa teessoo isaa irraa, «Ilmi ani jaaladhu, ka itti gammadu kana» jechi jedhu dhufe, Rabbii Abbaa irraa ulfinnaa fi galata argateera. Nullee hennaa gaara qulqulluu irratti isa woliin turre, laagaan kun hennaa sami'ii dhufu dhageenneerra. Kanaafuu dubbii raattotaan dubbatame caalaa nuu mirkanaayeera. Isinillee haga lafti bariite bakkalchi bariisa'aa garaa keessan keessatti haga bayutti akka namni ibsaa hulee dukkanaatitti ibsu uf eegutti dubbii kanaa uf eegaa'a. Waan mishaa gootan, dura kana beekaa'a. Dubbii raagaa ka kitaaba keessatti barreeffame maraa eennullee akka ufii fedhetti hiikuun isaa hin kennamne. Raanni sirima fedha namaatiin waan hin dhufneef. Sababaanillee waan namoonni Rabbii Woyyuun Ayyaana Rabbii Woyyu'uun gargaaramanii dubbataniif. Akkuma raattonni sobaa armaan dura banii jidduu turan, akkasuma ammallee barsiisonni sobaa isin jidduu jiran. Isaan Gooftaa isaan fayyise gananii ariiti'iin badii barumsa sobaa amantoota keessa seensisan. Hedduun isaanii waan nama saalfachiisu waan godhaniif isaan faanaa deeman. Sababaa isaaniitiif karaan dhuga'aa arrabama. Barsiisonni dharaa kunniin dharraa birri'iitii ufumaa mammaaka dubbata'aati isin irraa nyaatan; murtiin isaanii duri irraa jalqabee hin turu; badiin isaaniillee hin mugu. Rabbi Maaleekkota cubbuu hojjatan uduu garaa isaanii hin laafne, boolla dukkanaayaa keessatti akka murtii eeggatan dabarsee eega kenne, durillee adunyaa tanaa uduu garaa hin laafne Nohiin qajeellummaa lallabu'uuf namoota torban hambisee adunyaa cubbiitii irratti bisaan badi'ii yoo roobe, fakkeenna worra cubbuu hojjatu'uuf ta'anii godhee qachoota Soodoomii fi Gomoora'aa, haga isaan daaraa ta'anitti gubee jissee yoo isaanitti murteesse, Maleekkonni Rabbii barsiisota dharaa kanniin caalaa hunnaa fi baalli yoo qabaatanillee afoo Goofta'aatitti dubbii arrabaatiin hin himatamne. Namoonni kun ammoo waan ufii hubatuu dadhabanii arrabsan; isaan akka bineensa bosonaa ka qalbii hin qabnee ka miira isaaniitiin badaniititti, isaanillee balleessaa ufiitiin badan. Isaan guyyamaan fedha ufii guuttachu'uuf waan fedhan godha'aa gammadan. Hennaa nyaataaf isin woliin waamaman isinuma jiddu'utti waan batti'ii fi fafa hojjatan. Isaan hennaa maraa halcha hama'aa fi ija cubbuu hujuu irraa hin deebine qaban, namoota amanta'aanii jabaatanii hin dhaabanne dogoggorsan, qalbii fedha bada'aan guuttamte qaban; isaan worra abaarame. Karaa qajeelaa dhiisanii dogoggoran. Karaa Bala'aamii ilma Baasooriitiin deeman, inni mindaa hammeennaa jaalate. Haata'uu ammoo waan cubbuu isaatiif teedeffatame harreen dubbatuu hin dandeenne afaan namaa dubbattee raatticha maraatuu oolchite. Worri akkanaa kunniin akka burqaa bisaan gogeetii fi duumessa bubbe'een oofamuuti. Dukkana akka male'eetitu isaan eeggata. Isaan dubbii gara hin qabneef dubbii fedha foonii waan odeessaniif worra jireenna dogoggoraa keessa turanii reefuu baqatanii dhufan siiboo sobaa uf keessa galfatan. Uduu ufiiyyuu garbummaa badi'ii jala jiran, worra kaaniin ammoo bilisa baatan jedha'aa abdii kennaniif, namni waan isa injifate maraafuu garbicha. Beekkomsa qoricha keenna Yesuus Kiristoosiitiin haga battummaa adunya'aa jalaa bayaniin maayessa, deebi'anii qabamanii yoo mooyataman, jireenna duraa irra ka maayessaa isaanitti hammaata. Karaa qajeelaa haga beekanniin maayessa ajaja woyyicha isaanii kenname san irraa duubatti deebi'uu uduu dhabaatanii isaanii woyya. Kunillee akkuma mammaanni, «Sareen diddiga ufiititti deebiti» akkasuma, «Booyyeen dhiqamtee deebitee dhoqqe'etti gangalatti» jedhu sun isaan irratti ta'e. Bara dhumaa fedhii ufiitiin worri jiraatanii fi worri baldan akka dhufan, hubadhaa'a. Isaan, «Waadaan dhufa isaa meeti ree?» wonti maruu hennaa abbootiin teenna du'anii jalqabee akkuma uumamanitti jiran jedhan. Isaan samiiwwan bara hedduun dura dubbii Rabbiitiin uumaman, akka laftillee bisaaniin wolitti qabatteef bisaan edduu jirtu beekanii hin hubanne. Sababa kanaaf adunyaan hennaa san jirtu bisaaniin liqimfamtee badde. Ardi'ii fi samiin amma jirtu tun ammoo akka ibiddaan badduuf haga guyyaan murti'iitii fi badiin worra Rabbitti hin amannee geettuu akka dubbii kanaatiin ibidda eeggatan. Isin ammoo jaalatamtoota tiyya, Gooftaa biratti guyyaan tokko akka woggaa kumaati. Woggaan kumaa akka guyyaa tokko akka ta'e waan kana hin dagatinaa'a. Akka namoonni gariin waan turu seeyan Gooftaan waan waadaa gale saniif hin turu. Haata'uu ammoo namni maruu akka aagii galuuf malee, eennullee akka hin banneef jedhee waan keessaniif obsa. Guyyaan Goofta'aa ammoo akka hattu'uu ta'ee dimmaa dhufa. Guyyaa san samiiwwan laagaa guddaa dhageessisa'aa lufan, uumamni samii keessaa oo'a gudda'aan baqan. Lafaa fi wonti isii irra jiru maruu hin gubata. Haata'uu ammoo samii haarawaa fi ardii haarawa qajeellumma'aan akka dubbii abdi'ii kennameetitti eegganna. Kanaafuu jaalatamtoota tiyya, waan kana eeggata'aa fafaa fi mudaa malee nagayaan Rabbiin woliin akka jiraattan jabaadha'aa cimaa'a. Obsuun Goofta'aa fayyinna keessaniif akka ta'e beekaa'a. Akkasuma obboleessi keenna jaalatamaan Phaawuloos haguma ogummaa isaa kennameetiin isinii barreesse. Inni akkuma ergaa isaa maraan hime, waan kanallee dubbate. Ergaa isaa keessa wonti tokko ka hubachuun nama dhibu hin jira. Akkuma namoonni hin barannee fi jabaatanii hin dhaabanne kitaabbilee kaawwan dabsan, kunniinillee akka fedha isaaniititti badii ufiitiif micciiran. Eegasuu jaalatamtoota tiyya, isin waan kana duraanuu waan beettaniif dogoggora worra hammeeyyi'iitiin qabamtanii dhaabachuu keessan irraa akka hin kufne ufi eeggadhaa'a. Akkasuma; Badhaadhumma'aa fi beekkomsa Gooftaa keennaa Yesuus Kiristoosiitiin guddadhaa'a. Isaaf ammallee baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin. Waan dubbii jireennaa ka dura ture ka gurra keennaan dhageenne, ka ija keennaanillee arginee guuttannee laalle ka harka keennaanillee qaqqabne isinitti oddeessina. Jireenni mudhate nulle argineerra hin rannalle'e, jireenna bara baraa ka Aabbaan bira ture, ka nuttillee mudhate isinitti himna. Isinillee nu woliin tokkummaa akka qabaattaniif ka argineef ka dhageenne isinitti himna, tokkummaan keenna Abba'aa fi Ilma isaa Yesuus Kirstoosiin woliin. Gammachuun keessan akka raawwatamuuf kana isinii barreessina. Wonti isa irraa dhagenne dhaamsi isinittillee himnu, «Rabbi ifa; dukkanti sirimaa isa bira hin jirtu» ka jedhu. Dukkanaa keessa jiraata'aa isa woliin tokkummaa qabna yoo jenne, soba malee dhugaan nu keessa hin jiru. Haata'uu ammoo akkuma inni ifa keessa jiru, nullee ifa keessa yoo jiraanne, nu martinuu isa woliin tokkummaa qabna. Dhiinni Ilma isaa Yesuus Kiristoosii cubbuu keenna maraa irraa nu qulqullessa. Cubbuu hin qabnu yoo jenne, uf sobna; dhugaanillee nu keessa hin jirtu. Cubbuu keenna yoo himanne, cubbuu keenna nuu dhiisee hammena keenna maraa irraa nuu qulqulleesu'uuf, inni amanamma'aa fi qajeela'a. Cubbuu hin hunye yoo jenne, Rabbiin sobaa goonna; dubbiin isaallee nu keessa hin jiru. Ijoollee tiyya, wonti kana isinii barreessuuf akka cubbuu hin hojjanneef, eennullee yoo cubbuu huje, Aabbaan biraa wobii qabna. Innillee Yesuus Kiristoosii qajeela'a. Inni woreega gumaa cubbuu keennaati. Kunillee nuu calla'aaf uduu hin ta'in cubbuu biyya lafaa maraaf. Nu yoo ajaja isaa eenne, akka isa beenne beenna. «Isa hin beeka» jedha'aa, ajaja isaa ka hin eenne, soba'a; dhugaanillee isaa keessa hin jirtu. Ka dubbii isaa eegu maruu jaalalli Rabbii isa keessatti dhugamaan raawwatameera. Isa keessa jiraachuu keenna kanaan beenna. Ka, «Isa keessa jiraadha» jedhu, akka inni jiraatutti haa jiraatuu. Obboleeyyan tiyya, ka isiniif barreessu ajajuma duraan jiru malee, ajaja haarawwa miti. Ajanyi moofaan dubbii dhageettan san. Ammallee ajaja haarawa isinii barreessa. Wonti kunillee isaan isin keessatti dhuga'a. Dukkanti waan lufuuf ifti dhuga'aa amma ifa. «Ka ifa keessa jira» jedhu, ka ammoo obboleessa ufii jibbu, inni haga ammaa dukkana keessa jira. Obboleessa isaa ka jaalatu, ifa keessa jira, waan isa gufachiisullee hin qabu. Ka obboleessa ufii jibbu ammoo dukkana keessa jira, dukkana keessa jiraatalle'e, gara deemullee hin beeku. Waan dukkanti ija isaa jaamsiteertuuf. Ijoollee, waan cubbuun maqaa isaatiin isiniif dhiifame isinii barreessa. Abbootii tiyya, waan ka dura jiru beettaniif isinii barreessa. Ka'imman, waan hamaa waan mooyattaniif isinii barreessa. Ijoollee, waan Aabbaan beettaniirtaniif isinii barreessa. Abboota, waan ka duraan jiru waan beettaniif isinii barreessa. Ka'imman, jajjaboota waan taataniif dubbiin Rabbii waan isin keessa jiruuf waan hamaa waan mooyattaniif isinii barreessa. Adunyaa yookiin waan adunyaa keessa jiru hin jaalatinaa'a. Wonti adunyaa keessa jiru maruu: dharraa foonii, waan ija namaatitti bareedu, hori'iin boonuun waan adunya'aati malee, ka Aabba'aatii miti. Eennullee adunyaa tana yoo jaalate, jaalalti Rabbii isa keessa hin jiru. Adunyaaniif dharraan isi'ii hin lufti. Namni fedhii Rabbii raawwatu ammoo bara baraan jiraata. Ijoollee, sa'aatiin tun ta dhumaati, Ka waan Kiristoosii mormu akka dhufu dhageettaniirtan. Ammumaa worri waan Kiristoosii mormu hedduu dhufeera. Kanaaf akka sa'aatii dhumaa ta'e hin beenna. Isaan nu biraa bayan malee worra keennaa miti. Uduu worra keenna ta'anii silaa nu woliin jiraatan. Haata'uu ammoo maruu akka worra keenna hin taane beessisu'uuf bayan. Isin ammoo Ayyaana Woyyuu waan argattaniirtaniif waa maraa beettan. Isin waan dhugaa beettaniif sobni maruu dhugaa akka hin taane waan beettaniif akka waan dhugaa hin beenneetitti isinii hin barreessu. Kiristoosii miti jedhee ka Yesuusiin ganu malee sobaan eennu ka Aabbaa fi Ilma isaa ganu, inni mormaa Kiristoosiiti. Ka ilma Rabbii ganu maruu Aabbaan hin qabu. Ka ilma Rabbii heddatu Aabbaallee hin qaba. Isinillee wonti duraan dhageettan ijaaramee isin keessa haa jiraatuu. Ka duraa dhageettan sun yoo isin keessa jiraate, isinillee akkasuma, Aabba'aa fi ilma keessa jiraattani. Abdiin inni nuu kenne kunillee jireenna bara baraati. Waan worra isin dogoggorsaniitiif kana isinii barreesseera. Dibanni isin Kiristoosiin irraa argattan isin irra jira. Eennullee isin barsiisuu hin barbaachisu. Haata'uu ammoo dibanni Ayyaanaa waa maraa akka isin barsiisu, dhugaa akka ta'eef soba akka hin taane akkuma isin barsiisan sanitti isaan jiraadhaa'a! Ammallee ijoolle, akka hennaa inni dhufe amantaa nuu ta'u akka hennaa dhufa isaa isa afo'otti hin saalfanne isa keessa jiraadhaa'a. Akka inni qajeelaa ta'e yoo beettan, namni qajeellummaa hojjatu maruu akka isarraa dhalate beekaa'a. Ijoollee Rabii jedhamnnee akka waamamnu, Aabba jaalala guddaa attamiitiin akka nu jaalate laalaa'a, kanaaf nullee ijoollee isaati. Adunyaan isa waan hin beenneef nu hin beettu. Goshoota tiyya, amma nu'u ijoollee Rabbiiti uf afoo maal akka taanu hin beekkamne. Haata'uu ammoo hennaa inni deebi'ee dhufu akkuma jiruun akka isa fakkaannu hin beenna. Namni Kiristoosiin abdii kana qabu maruu akkuma inni woyyuu ta'e uf woyyoomsa. Ka cubbuu hojjatu maruu waan hamaa hojjata. Cubbuun hammeena. Inni cubbuu baleessu'uuf akka dhufe hin beettan. Isa keessa cubbuun hin jiru. Ka isa keessa jiru maruu cubbuu hin hojjatu. Ka cubbuu hojjatu maruu isa hin arginne hin beekuunille'e. Ijoollee tiyya ennullee akka isin hin dogogorsine akkuma inni qajeelaa ta'e, ka qajeellummaa hojjatu maruu qajeela'a. Daabiloos duruma irraa jalqabee cubbuu waan hujuuf, namni cubbuu hojjatu martuu ka daabiloosiiti. Kanaaf hujii daabiloosii diigu'uuf Ilmi Rabbii dhufeera. Namni Rabbiin irraa dhalate maruu cubbuu hin hojjatu. Waan sanyiin Rabbii isa keessa jiruuf, waan Rabbiin irraa dhalateef cubbuu hojjachuu hin danda'u. Ijoolleen Rabbiitii fi ijoolleen daabiloosii kanaan gargar bayan. Namni qajeellummaa hin hunyeef ka obboleessa ufii hin jaalanne maruu ka Rabbiitii miti. Dhaamsi duraa ta dhageettan ta wol haa jaalannu jettu tana waan taateef, Ta akka hammeennaan Qaayel obboleessa ufii ajjeeseetii miti. Maaf ajjeese? waan hujiin isaa hamaa ta'eef, ka obboleessa isaa ammoo waan qajeelaa ta'eef. Obboleeyyan tiyya, adunyaan yoo isin jibbite hin maalalfatinaa'a! Nu worra obboleewwan keenna jaalatu waan taaneef kanaan du'aa gara jireennaa akka ceene beenna. Ka obboleessa ufii jibbu du'a keessa jira. Obboleessa ufii ka jibbu maruu, namni nama ajjeesse maruu jireenni bara baraa isa keessa akka hin jirre hin beettan. Inni waan lubbuu ufii dabarsee nuu kenneeruuf, jaalalti maal akka taate kanaan beenna. Nullee waan obboleewwan teennaatiif lubbuu teennaa kennuu nu barbaachisa. Haata'uu ammoo qabeenna adunyaa tanaa uduu qabu hennaa obboleessi isaa waan isa barbaachisu dhabe argee garaa hin laafneef eennullee yoo ta'e, attamitti jaalalti Rabbii isa keessa jiraatti ree? Ijoollee tiyya hujji'ii fi dhuga'aan malee dubbiia fi afaan calla'aan akka wol hin jaalanne. Goshoota tiyya, oneen teenna yoo nurratti hin murteessine ta'e, Rabbiin afo'otti ugga qabna. Ajaja isaa waan eennuuf, afoo isaatitti worra isa gammachisuu waan taaneef waan kadhannu maraa isaa irraa arganna. Ajanyi isaallee kana, akka maqaa Ilma isaa Yesuus Kiristoositti amannuuf akka wol jaalannuuf. Ka ajaja isaa eegu maruu, isaan jiraata. Innillee isaan keessa jiraata, akkaataa kanaan akka nu keessa jiru Ayyaana isaa ka inni nuu kenneen beenna. Goshoota tiyya, Ayyaana mara hin amaninaa'a, Haata'uu ammoo ayyaannoni Rabbiin biraa ta'uu isaanii qoradhaa'a. Raadduun sobaa heddu gara adunyaa tanaa waan yaa'aniiraniif. Ayyaana Rabbii kanaan beettan. Yesuus Kiristoos akka fooniin dhalate Ayyaanni amanu maruu Ayyaana Rabbiiti. Ayyaanni Yesuus Kiristoos akka fooniin dhalate hin amanne maruu ka Rabbiitii miti. Innillee Ayyaana Kiristoosiin mormu. Kun akka dhufu dhageettaniirtu, ammumaa adunyaa keessa jira. Ijoollee tiyya, isin Rabbiin woliin jirtan injifataniirtanille'e, ka isin keessa jiru, ka adunyaa keessa jiru waan caaluuf. Isaan ka adunyaa kanaati. Kanaafuu wonti isaan dubbatanillee woma adunyaa tanaati. Adunyaanillee isaanii dhageetti. Nu ka Rabbiiti, ka Rabbiin beeku, nu dhagaya, namni nama Rabbii hin taane nu hin dhagayu, Ayyaana dhuga'aatii fi Ayyaana sobaa kanaan adda baafanna. Goshoota tiyya, jaalali Rabbiin biraa waan ta'eef, ka nama jaalatu maruu Rabbiin irraa waan dhalateef, Rabbiinillee waan beekuuf wol haa jaalanuu. Ka jaalala hin qabne, Rabbiin hin beeku; Rabbi waan jaalala ta'eef. Akkanaan Rabbi jaalala ufii nuu ibse. Karaa isaatiin tokkocha Ilma ufii gara adunyaa tanaa waan ergeeruuf. Jaalalti akkana, Rabbi waan ufii nu jaalateef, Ilma ufii ciincaa cubbuu keennaa akka ta'u godhe malee waan nu isa jaalanneefii miti. Goshoota tiyya, yoo Rabbi akkanatti nu jaalate, nullee akkasuma wol haa jaalannuu. Ka Rabbiin arge eennullee hin jiru. Nu yoo wol jaalanne, Rabbi nu keessa jiraata. Jaalalti isaallee nu keessatti guutu'u. Ayyaana ufii irraa waan nuu kenneef, nu akka isa keessa jiraannuuf innillee akka nu keessa jiraatu kanaan beenna. Abbaan Ilma ufii fayyisaa adunyaa tanaa akka ta'u godhee akka erge dhageenneerra, hin rannalle'e. Yesuus Ilma Rabbii akka ta'e, ka amanee ragaa bayu maruu, Rabbi isa keessa jiraata. Innillee Rabbiin keessa jiraata. Nullee jaalala Rabbi nuu qabu beenneerra. Amanneerralle'e. Rabbi jaalala; ka jaalalaan jiraatu Rabbiin keessa jiraata, Rabbillee isa keessa jiraata. Guyyaa murti'ii akka ugginuuf jaalalti isaa nu keessa guutteerti. Akkuma inni adunyaa keessa jiraate nullee akkasuma adunyaa keessa jira. Jaalala keessa sodaan hin jiru. Jaalalti guutuun sodaa uf keessaa baasee gata. Sodaa keessa yakki waan jiruuf, nama sodaatu jaalalti isaa guutu'uu miti. Inni waan duraan dursee nu jaalateef, nullee isa jaalanna. Eennullee, «Rabbiin hin jaaladha» jedha'aa obboleessa ufii yoo ka jibbu ta'e, inni hin soba, obboleessa ufii ka ijaan arga'aaru kan hin jaalanne; Rabbii ijaan hin argine attamitti jaalachoo danda'a? Ka Rabbiin jaalatu, obboleessa ufii akka jaalatu seera akkanaa Rabbiitu nuu kenne. Namni Kiristoos jedhee Yesuusitti amanu maruu, Rabbiin irraa dhalate. Ka abbaa ufii jaalatu maruu ka isarraa dhalatellee hin jaalata. Rabbiin yoo jaalanne, ajaja isaa yoo raawwanne, ijoollee Rabbiillee akka jaalannu kanaan beenna. Rabbiin jaalachuun ajaja isaa raawwatu'u. Ajanyi isaallee ulfaata'aa miti. Ka Rabbiin irraa dhalate maruu, adunyaa hin injifata, adunyaallee ka injifatu amantii keenna. Yesuus Ilma Rabbii akka ta'e nama amane malee ka adunyaa injifatu eennu? Bisaanii fi dhiigaan ka dhufe Yesuus Kiristoos. Inni bisaaniif dhiigaan dhufe malee bisaan calla'aanii miti. Ayyaanni dhuga'a, ka ragullee Ayyaana. Ayyaanni, bisaanii fi dhiinni kunniin worra ragu; sadiinuu wol ta'an. Ragaa namaa hin fudhanna. Ragaan Rabbii ammoo kana caala. Ragaan Rabbii tun ta inni ilma ufiitii ragaa baye. Namni Ilma Rabbiititti amanu, ragaa kana uf keessaa qaba. Namni Rabbitti hin amanne ragaa Rabbi Ilma ufiitiif baye sanitti waan hin amanneef Rabbiin sobaa taasiseera. Rabbi jireenna bara baraa akka nuu kenne; jireenni kunillee, ilma isaa keessa akka jiru ragaan kana. Namni ilma Rabbii qabu, jireenna qaba. Namni Ilma Rabbii hin qabne jireenna hin qabu. Isin worri maqaa Ilma Rabbiititti amantan jireenna bara baraa qabaachuu keessan akka beettaniif ani waan kana isinii barreesseera. Waa maraa akka fedha isaatitti yoo kadhanne, Inni nu dhagaya. Uggi nu isa biratti qabnullee kana. Ka kadhannu maraa akka nuu dhagayu yoo beenne, waan isa kadhanne maraa akka argannu hin beenna. Eennullee obboleessi isaa cubbuu jeennata bara baraatitti isa hin galchine hennaa huju arge, isaa haa kadhatuu. Rabbi jireenna bara baraa nama saniif hin kenna. Cubbuun gara du'a bara baraatitti nama geessu hin jira. Ani ammoo waan kanaaf kadhadhaa'a jechuu kiyyaa miti. Hammeenni maruu cubbu'u; cubbuun gara du'aa nama hin geessine hin jira. Namni Rabbiin irraa dhalate maruu, cubbuu hin hojjatu. Ilmi Rabbii waan isa tissuuf, hammeennillee isa miidhuu akka hin dandeenne hin beenna. Nu ijoollee Rabbii akka taaneef, adunyaan martuu hunna hamaa san jala akka jirtu hin beenna. Ilmi Rabbii akka dhufeef waan dhugaa ta'e akka beennuuf hubannaa akka nuuf kenne hin beenna. Nullee Rabbii dhuga'aatii fi ilma isaa Yesuus Kiristoosiin keessa jira. Inni Waaqa dhuga'aatii fi jireenna bara baraati. Ijoollee tiyya, Waaqoollee tolfamaa irraa uf eegaa'a! Waan dhugaa nu woliin baraa haga bara baraa jiraatuutii fi ani manguddoonni worra dhugamaan jaaladhuuf na callaa uduu hin taane, ka akkasuma worri dhugaa beekkan maruu jaalatan giiftii filatamtu'uuf ijoollee isi'iitiif, Rabbi Aabba'aa fi Ilma Aabbaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaaninii fi araarri nageenni dhugamaan jaalalaan nu woliin jiraatan. Akkuma ajaja Aabbaan irraa fudhanneen ijoollee tantee keessaa gari gariin dhuga'aan hennaa jiraatan waan argeef gammadeera. Giifti'ii yookiin woldaa tana! Ammallee akka wol jaalannu si kadhadha. Tunillee ajaja armaan dura jirtu malee ajaja haarawa sii barreessu'uufii miti. Jaalaltillee akka ajaja isaatitti haa deemnu'uuf, ajanyillee akkuma duraan dhageettan akka isi'iin jiraannuuf. Dogoggorsitoonni baayi'een gara adunyaa tanaa seenaniiru. Isaanillee worra Yesuus Kiristoos fooniin akka dhalate hin amanne. Inni kun dogoggorsa'aaf ka Kiristoosiin mormu. Gatii keessan guutuu akka argattaniif malee ka hojjattan akka hin dhabneef uf eeggadhaa'a! Worri barumsa Kiristoosiitiin hin jiraanneef barumsa isaa keessa namni hin jiraanne Rabbiin hin qabu. Namni barumsa Kiristoosii keessa jiraatu ammoo, Aabba'aa fi Ilma isaallee hin qaba. Eennullee barumsa kanaan gara mana keessanii yoo hin dhufne, hin simatinaa'a nagayallee hin gaafatinaa'a. Namni nagaya isa gaafatu waan hujii hamaa isaa isarraa qoodamuuf. Ani waan isinii barreessu guddaa qaba. Qalamaan woraqata irratti isinii barreessuu hin jaalanne. Haata'uu ammoo akka gammaddaniif dhufee afaaniin isin qaassu'uuf abdii qaba. Ijoolleen obboleetii teetii ta filatamte nagaya sii dhaamaniiran. Ana manguddoo irraa: Ka dhuga'aan jaaladhu jaalatamaa Gayiyoosiif: Jaalalloo kiyya, lubbuun tee akka misha'atti akka jiraattu, wonti maruu akka wol-siiqixxaayatuuf akka fayyaa qabaattu Rabbiin sii kadhadha. Obboloonni dhufanii akka ati dhuga'atti jiraattu, waan dhugaa keetii naa rannaani guddisee gammade. Wonti akka ijoolleen tiyya dhuga'atti jiraachuu isaanii dhagayu'uu na gammachiisu waan hin jirreef. Jaalalloo kiyya siif keessummaa yoo ta'anillee ati waan obboleeyyanii gootu maraan amanama'a. Waan jaalala keetiitiif isaaniif woldaa amantootaa afo'otti rageera. Akka Rabbi jaalatutti imala isaaniititti yoo isaan gargaarte, waan mishaa goote. Worra Yihuudii hin taane irraa womaa uduu hin fudhanne maqaa Yesuusiitiif jedhanii waan bayaniiraniif. Eegasuu nu dhugaa woliin akka hojjannuuf namoota akkanaa kanniin keessummummaa haa simannuu. Mana amanta'aatiif barreessee ture, haata'uu ammoo, Diyootreefesiin sooressa ta'uu barbaadu nu hin fedhu. Kanaafuu ani yoo dhufee hujii hamaa inni huja'aa odeessu hin dubbadha. Kunuu isa hanqatee, obboleeyyanillee ufitti hin dhiyeessu. Worra isaan simatullee dhooggee woldaa keessaa isaan baasa. Jaalalloo kiyya waan mishaa malee hamaa hin fakkaatin. Ka waan mishaa godhu Rabbiin Ka hamaa godhu ammoo Rabbiin hin argine. Dimeexiroosiif namni maruu ragaa bayaaf, dhugaanillee ragaa baatiif, nullee akkasuma hin rannaaf. Ragaan keennallee dhugaa akka ta'e hin beettan. Waan sii barreessu baayi'ee qaba. Haata'uu ammoo bi'iiri'ii fi qalamaan sii barreessuu hin barbaanne. Hennaa dhiyoo keessatti si argee akka woliin qaandhu abdii godha. Nageenni siif haa ta'u. Goshoonni tee nagaya sii dhaamaniiran. Goshoo kee marattuu nagaya naa himi. Garbichi Yesuus Kiristoosii obboleessi Yaaqoobii Yihuudaan, worra Rabbii Aabba'aan jaalatamanii Yesuus Kiristoosiif waamamanii eegaman maraaf, Araarri, nageenninii fi jaalalti isinii haa guddatu. Obboleeyyan tiyya! Waan fayyinna keennaa uduu isiniif barreessu waan amantaa woyyootaa hennaa tokko kennamee, jabaattanii akka falmattan isin gorsa'aa isinii barreessuun barbaachisaa akka ta'e arge. Hennaa dheera'aan dura murtee tanaaf worri barreeffaman namoonni gari gariin waan hulluuqanii gara keessan seenaniiraniif, isaanillee worra sodaa Rabbii hin qabne, badhadha Waaqaa seebaruma'ati worra jijjiiran, ka ufummatti mooti'ii fi Gooftaa keenna ta'e, Yesuus Kiristoosiin hin ganan. Yoma dursitanii waan kana mara beettan ta'ellee, Gooftaan banii biyya Misiriitii attamitti akka baase, maayii worra amanuu dhaban attamitti akka balleesse isin qaabsiisuu fedha. Akkasuma Maleekkota Rabbii ka baalliin itti kenname irraa darbamanii hulee ufii gadi dhiisan qaabadhaa'a. Rabbi wodaroo yookiin haada sibiilaatiin isaan hidhee baraa haga bara baraa dukkana keessatti haga guyyaa murtii guddaa sanii isaan eega'aa tursiiseera. Akkasuma Soodomii fi Gomooraan qachoota naannoo isaanii aadaa uumamaan ala ta'e, gara hujii seebaruma'aa nafa ufii dabarsanii kennaniiran. Isaanillee ibidda bara baraatiin adabama'aa worra rakkataniif fakeenna ta'aniiran. Haala kanaan namoonni kunniin eebjuu eebjatan nafa ufii batteessa'aa baallii Rabbii hin tuffatan. Worra ulfinna qabullee hin arrabsan. Mikaa'el bulchaan Maleekkotaa ammoo hennaa waan reeffa Muuse'eetiif daabiloosiin wol morme, «Gooftaan si haa teeddeeffatu» jedheen malee, dubbii arrabaa dubbatuu hin uggine. Kunniin ammoo worra hin beenne maraa hin arrabsan. Akka bineensota sammuu hin qabnee juu jedhanii woma beekanniin badan. Waan karaa Qaayiniitiin deemanii waanuma inni godhe waan godhaniif, waan minda'aatiif jedhanii dogoggora Bala'aamii keessa seenanii akka finqila qore'eetiin waan badaniif isaan Aanne'e! Kunniin waamsa jaalalaa keessanitti yoo isin woliin waamaman, waamsa jaalalaa san xureessan. Isaan tissema ufii uf sooran. Isaan akka duumessa rooba hin qabnee, ka qilleensaan oofamuu, akka midhaan hennaa daraaree gawutti ija hin godhanne, akka muka gogee hiddaan buqqa'ee, Akka hoomacha dambalii bisaaniitiin hoomachaawuuti; isaan akka urjii tuuttota huleen dukkana bara baraa isaanii qophaayeeti. Kunniin worra akka fedha dharraa ufiitiin jiraata'aa gugumanii fi worra waan hiree ufiitiif gururi'an. Isaan akka isaanii toluuf nama wol caalchisa'aa hagaa ol dubbii guddaa dubbatan. Isin ammoo jaalatamtoota tiyya dubbii Gooftaa Yesuus Kiristoosii ka ergamtoonni dursanii dubbattan qaabadhaa'a. Isaan bara dhumaa cubbuu isaaniitiif halcha badaa ufiitiin deema'aa worra Asheessu waan isaaniin jedheef. Worri kun worra gargar isin qooduuf worra Ayyaana woyyuu hin qabne. Isin ammoo jaalaloota tiyya, amantaa keessan ka waa maraa caalaa qulqulluu ta'een uf ijaaru'uuf jabaata'aa Ayyaana woyyu'uun faateffadhaa'a! Araara Gooftaa kenna Yesuus Kiristoosii ka gara jireenna bara baraa geessu eeggata'aa jaalala Rabbiitiin uf eegaa'a! Worra morman garii gorsaa'a. Garii ibidda keessaa buta'aa hambisaa'a, garii worra uffanni isaanii hawwii fooniitiin xuraaye jibbaa'a, araara sodaa uf keessaa qabuun isaanii dhiisaa'a. Akka uduu hin gufanne gammachu'uun worra mudaa hin qabne godhee isin dhaabsisuu danda'uuf, ka ufummatti Waaqaa fi qorichaa, barootaan dura, ammaa haga bara baraa, maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin ulfinni, gaachenni, hunninii fi baalliin haa dhufu! Amiin. Kun mudhata waan dafee ta'u'uuf ta'uu ka Rabbi garboota ufiititti mudhisu'uuf jedhee Yesuus Kiristoosii kenneef ka Yesuusillee Maleekkaa ufiitiin ergee garbicha ufii Yohaannisitti mudhise. Innillee dubbii Rabbiitiif waan Yesuus Kiristoosii waan arge maraa rage. Barri waan dhiyaateeruuf, worri dubbii raagaa kana dubbisan, dhagayaniif worri waan isa keessatti barreeffame eegan eebbifamtoota. Rabbii Abbaa isaatii akka hojjannuuf jeennata Abbaa isaatii gadicha akka taanu nu taasisee, baraa haga bara baraa ulfinninii fi hunni isaa haa ta'u! Amiin. Inni duumeessaan dhufa, ijji maruu isa argiti, worri isa woraanellee hin argan. Baniin adunyaa tana irraa maruu sababaa isaatiif gadda'aa booyan. Ee! Akkasuma ta'a. Amiin. Ka jiru, ka ture, ka dhufu, ka maraa danda'u Waandhi Gooftaan, «Alfa'aa fi Oomeegaan Ana» jedha. Ani Obboleessa keessan ka isin woliin rakkinna jennataa fi obsa Yesuus Kiristoosii qoodamu waan dubbii Rabbii tiif waan ragaa Yesuus Kiristoosiitiif lafa bisaaniin marfamte ta Fiximoo jedhamtu irra ture. Ani guyyaa Goofta'aa Ayyaana Rabbiitiin guuttamee ture, laagaa guddaa xurumbaa fakkaatu uf duubatti dhagaye. Akkasuma, «Waan arga'aartu kitaabatti barreessii, gara Efesoonii, Samirneesii, Phergamoonii, Tiyaaxiroonii, Sardeesii, Filaadelifiya'aa, Lodoqiya'aa fi gara tokkummaa woldoota Kiristaanaa torban Isiyaa keessa jiraatanii ergi» naan jedhe. Laagaa natti dubbatu argu'uuf uf irra midhadhe; Baattota ibsaa Worqi'ii torba arge. Baattota wodhakka'atti waan ilma namaa fakkaatu arge, innillee uffata dheeraa haga lukaa gawu uffatee sibiila worqi'ii qomatti hidhateera. Inninii fi rifeensi mataa isaa akka rifeensa hoolaa adi'ii akka barada'aa, ijji isaallee akka arraba ibiddaati. Lutti isaa waan akka sibiila ibiddaa keessatti diimeeffame fakkaata. Laagaan isaallee akka laagaa bisaan gudda'aati. Harka isaa ka mirgaa irraa urjoota torba qaba. Afaan isaa keessa guraadee gara lamaan qarametu baya. Fulli isaallee akka aduu guddiftee iftuutti. Hennaa isa arge ani akka nama du'e ta'ee luka isaa jalatti kufe. Harka mirgaa narra kaayee akkana naan jedhe. Hin sodaatin, ka duraatiif ka dhumaa jiraataan ana. Du'ee ture, kunoo baraa haga bara baraa ani jiraata'a, furtuu du'aatii fi ka asaabaallee hin qaba. Eeganaa ka argite, ka amma jiru ka asiin maayii ta'u'uuf ta'ullee barreessi. Hiikkaan dhossaa urjii torbaatiif baattuu Worqi'ii ka harka kiyya ka mirgaa irratti argite kana. Urjiin torban Maleekkaa woldaa Kiristaana torbaati. Baattuun Worqii torbanii tokkummaa woldoota Kiristaana torbaati. Gara Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Efesooniin keessa jirtuutiif akkana jedhii barreessi. Ka urjoota torbaa harka mirgaatitti qabate ka baattuu worqi'ii torbaa jidduu deddeebi'u akkana jedha. Hujii kee, dadhabbii keetii fi obsa kee hin beeka. Akka ati worra hamaa cadhiftee hin dhiifne worra uduu ergamaa hin taane, «Ergamoota» ufiin jedhan qorattee laaltee akka isaan sobduu ta'an akka beette ani hin beeka. Ati maqaa kiyyaaf jettee obsitee uduu hin dadhabin dhaabatteerta. Haata'uu ammoo waan sirratti ceem'u qaba. Jaalala tee ta duraa san waan dhiifteef. Eeganaa maal irraa akka kufte yaadadhu. Aagiillee gali hujii kee ka duraa san hojjadhu. Yoo cubbuu irraa deebi'uu baatte sitti dhufee baattuu ibsa'aa kee hule'ee fuudha. Haata'uu ammoo waan kana qabda: atillee akkasuma hujii Niqalaawoota ka ani jibbu jibbiteerta. «Waan ayyaanni tokkummaa woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu maruu haa dhagayuu! ‹Ka injifatee muka daraaraa isaa nyaatan ka jeennata Rabbii keessa jiru akka nyaatu hin kennaaf.› «Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa Sarminees keessa jirtuu, akkana jedhii barreessi. Ka du'ee ture, ka jiraataa ta'e, ka duraatii fi ka dhumaa akkana jedha. Rakkinna keetiif hiyyummaa kee hin beeka. Haata'uu ammoo ati dureessa, arraba worra uduu Yihuudii hin taane nu Yihuudi'i ufiin jedhan san hin beeka isaan woldaa seexanaati. Rakkinna sirra gayu'uuf ta'u hin sodaatin. Daabiloos isin qoru'uuf jedhee isin keessaa namoota gari garii mana hidha'aatitti isin galchu'uuf ta'a. Guyyaa kudhaniif hin rakkattan ati ammoo haga du'aatitti amanamaa ta'i. Badhaasa jireennaallee sii kennaa. Waan Ayyaanni tokkumma Woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagayu qabu maruu haa dhagayuu ka mooyate du'a lammaffa'aatitti hin miidhamu. «Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa ta Phergamooniitiif akkana jedhii barreessi, «Ka billawa gama lamaan qara qabu harkaa qabu akkana jedha. «Hulee teessoon mootummaan seexanaa jiru akka jirtu ani hin beeka. Maqaa kiyyaallee hin eedda bara Antiphaas amanamaan ragaa kiyyaa isin biratti ajjeefame ati amantaa narraa qabdu hin waakkanne. Haata'uu ammoo waan diqqoo sirratti ceem'u qaba. Innillee ijoollee Isiraa'eliitiif gufuu ta'u'uuf nyaata waaqa tolfama'aaf dhiyaate nyaata'aa, seebara'aati worri barumsa Bala'aamii ka Balaaqiin barsiise duukaa bu'aan si woliin achi waan jiraniif. Akkasuma akka isaan namoonni barumsa Niqolaawotaa hordofullee si woliin jira. Eeganaa aagii gali yoo aagii galuu baatte ani daafee sitti dhufa. Guraadee afaan kiyya keessaa bayuun isaaniin lola. «Waan ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu haa dhagayuu; nama mooyatee nyaata sami'ii ka dhokate keessaa kennaaf; dhagaa adii ka maqaan haarofni irratti barreeffame nama fudhatu san malee ka eennullee hin beenne kennaaf. «Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa ta Tiyaaxiroon keessa jirttu akkana jedhii barreessi. Ilmi Rabbii ka ija akka arraba ibiddaa ka lutti isaa akka sibiila boola ibiddaa keessatti oo'ee diimate fakkaatu qabu akkana jedha. «Hujii, jaalala, Amantaa, tajaajilaa keetiif ciniinnattee obsuu kee hujii kee ka duraa caalaa ka maayessaa akka caalu hin beeka. Haata'uu ammoo ta ani raaga ufiin jettee garboota kiyya akka seebaran, waan waaqa tolfama'aaf qalame nyaatan ta barsiiftuuf ta dogoggorsitu dubartii san Elzaabeliin waan itti cadhifteef waan sirratti ceem'u qaba. Akka aagii galtuuf hennaa isi'ii kennee ture, isiin ammoo seebara irraa deebi'uu didde. Kanaaf dhukkubaan siree irratti isii hambisa, worra isii woliin seebaranillee hujii badaa isi'ii irraa aagii galuu yoo dhabaatan rakkinna guddaa irratti isaan gata. Ijoollee isi'iillee hin ajjeesa. Woldoonni Kiristaanaa maruu akka ani gara'aa fi qalbii qoruu hin beekan. Anillee isin maraafuu akkuma hujii keessaniititti isinii kenna. «Isin worra Tiyaaxiroon keessatti barumsa isi'ii hin hordofneef worra, ‹Dhossaa guddaa seexanaa› jedhamuu uduu hin baranne haftaniin ammoo akkana jedha, ba'aa biraa isinitti hin fe'u; haga ani dhufuuf woma qabdan san jabeessa'aa qabadhaa'a. Bakkalcha bari'ii kennaaf. Waan ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagayu qabu haa dhagayuu. «Maleekkaa woldaa Kirstaanaa ta Sardeesiin keessa jirtuuf akkana jedhii barreessi. Ayyaanota Rabbii torbanii fi ka urjoota torbaa harkaa qabu akkana jedha. «Hujii kee hin beeka; ati maqamaaf jirta malee duuteerta. Kanaafuu dammaqii ka'i waan ani fuula Rabbii kiyyaa afo'otti hujiin kee guutuu ta'uu isaa hin argineef. Waan du'uu gaye sanniin jabeessi. Eeganaa attamitti akka fudhatteef akka dhageette yaadi. Aagii gali; ajajamiifille'e. Yoo ati dammaquu dhabaatte, akka hattu'uutitti dimmaa sitti dhufa. Sa'aatii attami'ititti akka ani sitti dhufu sirimaa hin beettu. Haata'uu ammoo worri uffata ufii hin batteessine Sardeesitti namoota hago'otu si woliin jira. Waan isaanii male waan ta'eef isaan uffata adii uffataniiti na woliin deeman. Ka mooyatellee akkasuma uffata adii uffata. Maqaa isaallee galmee jireennaa keessaa hin haqu. Anillee abbaa kiyyaa fi Maleekkota afo'otti maqaa isaatii raga. «Waan Ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu, ka gurra dhagayu qabu maruu haa dhagayu. «Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa Filaadelifiyaa keessa jirtuu akkana jedhii barreessi. Ka furtuu Daawitii harkaa qabu, ka waan inni cufe eennullee banuu hin dandeenneef waan inni bane eennullee cufuu hin dandeenne woyyichi dhuga'aa akkana jedha. Hujii kee hin beeka afoo keetitti balbala baname sii kenneera. Eennullee cufuu hin danda'u, hunni kee hagamillee diqqoo yoo ta'e, dubbii kiyya eeddee maqaa kiyyallee hin waakkanne. Worri Yihuudota uduu hin taane nu Yihuudota jedha'aa soban, worri woldaa seexanaa ta'an gara kee dhufanii luka kee jalatti akka sagadaniif akka isaan akka ani si jaaladhu beekan taasisa. Ciniinnattee obsitee ajaja an sii kenne waan eeddeef anillee hennaa ataabee worra adunyaa tana irra jiraatan ataabu'uuf dhufu maraa jalaa si baasa. Ani dafee dhufa. Eennullee badhaasa kee ka muudamaa akka si jalaa hin fudhanne waan qabdu jabeessii qabadhu. Nama injifate galma Waaqa kiyyaa keessatti utubaa isa taasisa. Inni horoma duranaallee achi keessaa hin bayu. Ani maqaa Waaqa kiyyaatii fi maqaa qachaa Waaqa kiyyaa ta Yeruusaalemii haarawa sami'ii dhuftuuf maqaa kiyya haarawa isa irratti barreessa. Waan Ayyaanni woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagawuu qabu haa dhagayuu. Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Lodoqiyaa jirtuutiif akkana jedhii barreessi: inni Amiin jedhamu ka amanameef ragaan dhuga'aa ka Rabbiin biratti madda uumama maraa ta'e akkana jedha. Akka ati qabbanaayaa yookiin oo'aa hin taane hujii kee hin beeka. Qabbanaayaa yookiin oo'aa uduu taatee misha'a. Akkanumaan buukanaayaa waan taateef qabbanaayaa yookiin oo'aa waan hin taaneef, Afaan kiyya keessaa si tufu'uuf ta'a. ‹Ani qabaata'a, dureessallee ta'eera, womaa na hin barbaachisu waan jettuuf hiyyeessa deegaa, hiyyessa balla'aa fi ka qullaa hafte ta'uu kee waan hin beenneef.› Dureessa akka taatuuf worqii ibiddaan baffame uffattee qullaan saala keetii akka hin mudhanneef uffata adii waan ija kee ittiin bareechifattu na irraa akka bitattu si gorsa. Ani nama jaaladhu maraa hin loladhaan hin adaba. Kanaafuu qajeelii aagii gali. Kunoo ani balbala dhaabadhee dhadhaya; eennullee laagaa kiyya dhagayee balbala ufii yoo naa bane seenee isa woliin hurbaata nyaadha. Innillee na woliin nyaata. Akkuma ani mooyadhee teessoo abbaa kiyya irra taa'e, akkasuma ka mooyate na woliin teessoo jeennata kiyyaa irra akka taa'u hin kennaaf. Waan Ayyaanni Woldaa Kiristaanaatiin jedhu ka gurra dhagayu qabu haa dhagayuu. Achiin maayii ani ol laalee samii keessatti balbala baname arge. Laagaa akka Xurumba'aatitti natti dubbatu dhagaye. Laagaan duraan dhagaye, «As bayi ani waan duranaa ta'u'uuf ta'u sitti mudhisaa» naan jedhe. Anillee yoosuu Ayyaanaan guuttame; samii keessa teessoon kaayameera; teessoo san irra namatu taa'eera. Ka teessoo san irra taa'eeru, bifti isaa akka dhagaa gatii guddaa Iyyaasphiidiiniitii fi sardinoonii calanqisee mudhata. Naannawa teessoo sanii funyaan karaabaa ka bifti isaa dhagaa maraagidii fakkaatutu jira. Naannaya teessoo isaa teessoo diddamii afurtu jira. Teessoo sanniin irrallee manguddoonni diddamii afurii uffata adii uffatanii badhaadha muudamaa ka worqii irraa hojjatame mata'atti godhatanii tataa'aniiran. Teessoo san keessaa laagaa bakakka'aatii fi gigissa'aatitu baya. Teessoo isaa afoo ifaa ibiddaa torbatu ifa'aa ture. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban. Afoo teessoo isaa waan galaana bilillee fakkaatu ka akka uf arga'aa qulqullaayeerutu jira. Wodhakkaa naannoo teessoo sanii bineensonni uumamaa afurtu jira. Isaanillee duraa duubaa ija qaban. Bineensa sanniin keessaa ka duraa leenca fakkaata. Ka lammaffa'aa waatiyyoo fakkaata. Ka sadaffa'aa fuulli isaa akka fuula namaati; ka arfaffa'aa ammoo bajjaan fakkaata. Busaayonni arfanuu koola jaha jaha qaban. Keessaa fi gubbaan isaanii ija heddu qaba. Isaan halkanii fi guyyaa uduu hara hin baafatin «Waaqa Gooftaa waa maraa danda'u, ka dur jiru, ka ammallee jiruu fi ka dhufu'uuf ta'u, Woyyuu, Woyyuu, Woyyuu!» jedha'aa faarfatan. Busaayonnillee ka teessoo irraa ta'ee fi ka baraa haga bara baraa ka jireennaan jiraatu hennaa isaa ulfinna jaju'u fi galata kennaniif, Ka teessoo irraa ta'eef harka isaa ka mirgaa keessaa fi duuba irratti barreeffame barreeffama erbe'ee ka chaappaa torbaan cufame arge. Maleekkaan cimaan kitaaba cufu, chaappoota ka hiikuu malu eennu? Jedhee laagaa gudda'aan hennaa labsu arge. Ardii, sami'itti, lafa jalattillee yoo ta'e kitaaba banuu yookiin laaluun eennullee hin danda'amne. Kitaaballee banuu yookiin laaluun ka malu eennullee waan hin argamneef guddisee booye. Mangudoota keessa tokko, «Hin booyin! Kunoo, leenci gosa Yihuuda'aa Inni hidda Daawitii kitaaba banu'uuf chaappaa torbaallee hiiku'uuf mooyateera» naan jedhe. Teesso'oo fi busaayota arfan wodhakkaa, manguddoota jiddu'uttillee akka hoolaa qalmaatitti dhabatee arge. Gaafa torbaa fi ija torba qaba. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban ka gara lafa maraa ergaman. Hoolaan sunillee dhufee harka mirgaa ka teessoo irra taa'ee irraa kitaaba fudhate. Hennaa kitaaba fuudhe, busayoonni afurii fi manguddoonni diddamii afurii hoolaa afo'otti kufanii, isaan maruu girgiraa worqi'ii ka hixaanaatiif faatee qulqullootaa meeshaa ittiin kaddaaman qaban. Achiin maayessa naannaya teessoo busaawotaatiif mangudootaatitti laagaa Maleekkaa hedduu dhagayee, laakkofsi isaanillee shikita hennaa shikitaatiif kuma hennaa kumaatamaati. Laagaa gudda'aan, «Hoolaa qalame sanii, hunni, durummaan, ogummaan, jajjabeenni, ulfinni, galanninii fi eebbillee isaa mala» jedhan. Ardii, samii'i, lafa jalattii fi uumamni galaana irra jiranii fi wonti isa keessa jiru martuu hennaa, «Eebbi, ulfinni, galanni, hunni, baraa haga bara baraa ka teessoo isaa irra taa'eef, hoolaa Rabbiitii haata'u» jedhan dhagaye. Busaayaan arfanuu, «Amiin!» jedhan manguddoonni kufanii sagadan. Hoolaanillee hennaa chaappaa torbaa keessaa tokko yoo hiiku arge; busaayaa arfan keessaa tokko laagaa gigissaa fakkaatuun «Koottuu» laali hennaa jedhu dhagaye. Anillee midhadhee farda adii tokko afoo kiyyatti arge. Ka Farda san yaabbateeru eboo qabatee ture. Badhaasa kennameefii mooyata'aati moyyatu'uuf baye. Hennaa chaappaa lammaffa'aa hiike, busaayaan lammaffa'aa hennaa koottuu laali jedhu dhagaye. Fardi daamaan biraallee baye ka farda san irraa taa'ellee nagaya lafa irraa fudhatu'uuf namoonillee akka wol qalan baalliinii fi guraadeen guddaan kennameef. Hennaa chaappaa sadaffa'aa hiike busaayaan saddaffa'aa hennaa «Koottuu! laali» jedhu dhagaye. Anillee hennaa fardi gurraachi bayu arge, ka isa irraa taa'eerullee waan madaaluun harkaa qaba. Busaayota arfan jiddu'utti qamadii haga wodhakkaa kiiloo tokkoo, garbuu diinaara sadihii diinaaraan zayiiti'ii fi woyinii hin miidhiin laagaa jedhu dhagaye. Hennaa chaappaa arfaffa'aa hiike laagaan busaayaa arfaffa'aa koottuu laali hennaa jedhu dhagaye. Ammallee hennaa Fardi Hamarri bawu arge, ka isa yaabbateeru maqaan isaa du'a. Badiin bara baraa isa duukaa deeme guraade'een, beela, du'a bineensonni lafaa akka isa ajjeesan lafa irratti harka afurrii baalliin kennameef. Hennaa chaappaa shanaffa'aa hiike, mi'a kennaa irratti dhiyeessan jalatti lubbuu worra dubbii Rabbii eeganii raganiif qalamanii arge. «Gooftaa, dhuga'aa fi woyyuu keenna haga yoomii hin murteessitu? dhiigaa keenna worra lafa irra jiraatan harkaa maaf haluu nu hin baafne?» jedhanii laagaa gudda'aan iyyan. Isaan maraafuu uffanni adiin kenname akkasuma akka isaaniititti worra ajeefamu'uuf ta'an haga laakkofsi garbootaa, goshoota isaaniitiif obboleewwanii haga raawwatamutti ammallee haga bara diqqo'oo haa harabaafatanii jedhaman. Hennaa chaappaa jahaffa'aa hiiku, lafti guddiftee sochoote. Aduunillee akka mataa gaddaatitti gurraachatte. Addeessillee hin diimate. Abshookkaan guddisee qilleensaan raafamee akka qaaraa daraaraa buuftuutitti urjiin sami'ii gara lafaa gadi harca'an. Samiin akka kitaabaa maramtee lufte gaarrinii fi tulluun maruu hulee isaaniitii badan. Mootonni lafaa, bulchoonni, ajajoonni, loltuun kumaa, dureeyyii, jajjaboonni, garboonni, gooftoonni maruu goda gaaroota dhaga'aa keessatti dhokatan. Gaarranii fi dhagoonni, «Nu irratti kufaa'a lola ka teessoo irra ta'eetiif lola hoolaa Rabbii jalaa nu dhossaa'a. Guyyaan lola gudda'aa waan dhufeeruuf, eentu dhaabatuu danda'a?» isaaniin jedhan. Asiin maayii kallatii arfaniin Maleekkota afuurii ka lafarra dhaabataniiran arge; isaanillee qilleensi yoo lafa irraa jiraate yookiin galaana yookiin muka kamittillee kallattii arfaniin akka hin bubbifne dhooggan. Maleekkaan biraa ka chaappaa Waaqa jiraata'aa qabu gara baya biiftu'uutii hennaa bayu arge. Maleekkota arfan lafaaf Galaana miidhu'uuf baalliin kennameefiitti laagaa gudda'aan iyya'aa, «Garboota Waaqa keennaa haga kallacha isaanii chaappeessinuuf lafa, galaana yookiin mukkiin hin miidhinaa'a» isaaniin jedhe. Gosa ijoollee Isiraa'elii maraa keessaa worri chaappeeffame nama kuma dhibba tokkootii fi kuma afurtamii afuriiti. Gosa Yihuuda'aa keessaa kuma kudha lama, gosa Robeelii keessaa kuma kudha lama, gosa Gaadii keessaa kuma kudha lama, gosa Aseerii keessaa kuma kudha lama. Gosa Niftaalemii keessaa kuma kudha lama, gosa Minaase'ee keessaa kuma kudha lama, Gosa Simo'oonii keessaa kuma kudha lama, gosa Lewwi'ii keessaa kuma kudha lama, gosa Yisaakorii keessaa kuma kudha lama, Gosa Zaabloonii keessaa kuma kudha lama, gosa Yooseefii keessaa kuma kudha lama, gosa Biiniyaamii keessaa kuma kudha lamaatitu chaappeeffame. Asiin maayii banii eennullee laakkayuu hin dandeenne baniinii fi gosa worra afaan marraa keessaa namoota heddu guddaa arge. Uffata adii uffatanii qacee meexxi'ii harka isaaniititti qabatanii teesso'oo fi hoolaa Rabbii afoo dhaabatan. Laagaa gudda'aan, «Fayyinni Waaqa keenna ka teessoo irra ta'ee fi ka hoolaa Rabbiiti» jedhan. Maleekkoonni maruu naannoo teessoo manguddootaatiif, busaayota arfaanii dhaabatanii turan. Afoo teesso'ootitti kallachaan gadi kufanii Rabbii sagada'aa, «Amiin! eebbii, ulfinni, ogummaan, galanni, jajamuun, hunninii fi jajjabeennillee baraa haga bara baraa Waaqa keennaaf haata'u! Amiin!» jedhan. Manguddoota keessaa tokko deebisee, «Kunniin ka uffata adii uffatan eennuun fa'a? eessaa dhufan?» Naan jedhe. Anillee, «Gooftaa kiyya, situ beeka» jedheen. Innillee akkana naan jedhe, «Kunniin worra rakkoo guddaa keessaa dhufan. Uffata ufiillee miicanii dhiiga hoola'aatiin qulqulleessan. Kanaaf worri teessoo Rabbii afoo jiran halkanii fi guyyaa mana woyyuu keessatti isa kaddaaman. Ka teessoo irra taa'e, isaan keessa jiraata. Ammaa achi hin beelayan. Ammaa achi hin dheebotan aduunii fi oo'i maruu sirima isaan hin miidhu. Hoolaan teessoo wodhakkaa jiru tissee isaanii ta'a. Gara burqaa bisaan jireennaa isaan geessa; Rabbillee imimmaan maraa ija isaanii irraa haqa.» Hennaa chaappaa torbaffa'aa hiike haga wodhakkaa sa'aatii tokko samii irratti hin cadhifame. Maleekkoota torban ka afoo Rabbii dhaabatan arge, isaaniillee xurumbaa torbatu kennameef. Maleekkaan biraa dhufeeti girgiraa worqi'ii qabateeti hulee ciinca'aa bira dhaabatee afoo teesso'oo ka jiru ciincaa worqi'ii irratti qulqulloota maraaf faatee akka itti eda'u hixaanni guddaan itti keename. Aarri hixaanaa faatee woyyoota woliin harka Maleekka'aatitti afoo Rabbiititti ol baye. Maleekkaan girgiraa qabatee ibidda hulee ciinca'aatii itti guuteeti gara lafaa gadi darbe; laagaan gigissa'aatiif bakakka'aa dhagayamee laftillee hin sochoote. Maleekkaan torbaa ka xurumbaa torbaa qaban afuufu'uuf qophaayan. Maleekkaan duraa xumbaa afuufe baradaa dhiigaan makameef ibiddatu uumame. Innillee gara lafaa darbame. Lafti harka sadi keessaa tokko hin gubatte. Munnillee harka sadi keessaa tokko hin gubate. Margi lalise maruu hin gubate. Maleekkaan lamaffa'aallee xurumbaa afuufe. Gaarri waan akka ibidda qilleensaatiin gubatu fakkaatu gara galaanaa gadi gatame, galaanni harka sadi keessaa tokko dhiiga ta'e. Uumamni lubbu qabeeyyiin galaana keessa jiraatan keessaa sadi keessaa harki tokko hin du'e. Markabni sadi keessaa harki tokko hin bade. Maleekkaan sadaffa'aallee xurumbaa afuufe. Urjiin guddaan akka shawa'aa gubatu sami'ii darbame. Lagootaaf bisaan burqa'aa sadi keessa harki tokko irratti kufe. Maqaan urji'iille Irreetoo jedhama. Bisaanillee sadi keessa harki tokko hin hadhaaye. Waan hadhaayeef miidhaa bisaaniitiin namoonni hedduu du'an. Maleekkaan arfaffa'aa Xurumbaa afuufe. Aduun sadi keessaa harki tokko, addeessi sadi keessa harki tokko, urjiiwwan sadi keessaa harki tokko dhayame. Harki sadihii kunniin akka dukkanaawu guyyaan sadi keessa harki tokko akka ifu akkasuma ka halkaniillee'e. Bajjaan tokko samii wodhakka'aa bararee laagaa gudda'aan waan Maleekkota sadihii xurumbaa afuufu'uuf ta'anii, waan laagaa Maleekkota biraa worra lafa irra jiraataniif isaanii aanne'e! Hennaa jedhu dhagaye. Maleekkaan shanaffa'aallee xurumbaa afuufee urjii samii gara lafaa darbame arge. Furtuun ashuutellee hin kennameef. Boolla ashuutellee hin bane; aarrillee akka aarra ibidda gudda'aa dhagaa keessaa baya; aduunii fi qilleensi aara boolla ashuutee keessaa bawuun dukkanaayan. Aara san keessaa Awwaannifni gara lafaa bayee akkuma buutiin lafaa baallii qaban baalliin isaanii kenname. Isaanillee namoota kallacha isaanii irra chaappaan Rabbii hin jirre callaa akka miidhan ajaje malee, waan lafa irra jiru maraa waan lalise yookiin muka kamiinillee akka hin miine isaanitti himan. Isaan akka ji'a shanii callaa rakkisaniif kennameef malee akka ajjeesaniifii miti, miidhaan isaan midhaman akka miidhaa nama buutiin idditeeti. Ji'oota sanniin namoonni du'a soqan. Haata'uu ammoo hin argatan, du'uu dharra'an duti ammoo isaan dheessiti. Bifti Awwaannisaa akka faradoo lolaaf qophooftee mataa isaanii irraa gulloo worqii fakkaatu qaban, fuulli isaaniillee akka fuula namaa ti. Rifeensa akka rifeensa dubarti'ii fakkaatu qaban Ilkaan isaanii akka Ilkaan leencaa ti. Uffata sibiila fakkaatu qaban; laagaan koola isaanii akka konkolaataa faradoo hedduu ka lolaaf yaabbatanii ti. Eegeen isaanii akka eegee buuti'iiti. Eegee isaanii irra woraanatu jira; namootallee haga ji'a shanii miidhu'uuf baallii qaban. Isaan mootii qaban; innillee Maleekkaa ashuuteeti. Maqaan isaa afaan Ibraayisxiitiin «Abdoon» Afaan Giriikiitinillee «Aphaliyoon» jedhama. Aanne'een duraa lufteerti. Kunoo asiin maayii ammallee aanne'ee lamatu dhufa. Maleekkaan jahaffa'aa xurumbaa afuufe. Gaafa worqii irraa hojjatame ka kennaa irratti dhiyeessan ka Rabbiin afoo jiru keessaa laagaa tokko dhagaye. Maleekkaan xurumbaa qabu ka jahaffa'aa «Maleekkoota arfan laga guddaa Efraaxisitti hidhaman isaan hiiki!» jedheen. Maleekkoonni afurii namoota sadi keessaa harka tokko akka ajjeessan, sa'aatii, guyyaa, ji'aa fi wogga'aafillee worri qophaayanii turan hin hiikkaman. Laakkofsi loltuu farado'oollee shikita hennaa shikitaa, shikita hennaa shikitaa ti jedhu dhagaye. Farado'oo fi worra faradoo yaabbatanillee akkasuma manaabaan arge. Uffata diimaa akka ibiddaa gurraacha akka baddeessa'aa, boora akka bookaa fakkaatu qaban. Mataan Faradoo sanniinii akka mataa Leencaati. Afaan isaanii keessaa holataan dhagaa ibiddaa baye. Badiin sadiin afaan isaanii ibiddaaf, aara dhagaa ibiddaatiin ajjeefame. Baalliin farado'oo afaan isaaniitiif eegee isaanii irra waan ta'eef, eegeen isaanii bofa fakkaata. Mataallee hin qaban, sanniinillee hin miidhan. Balaa kanaan ka hin ajjeefamne namoonni hafan jinnii arganii yookiin dhagayanii yookiin deemuu dadhabanii, worqii, birrii, waan akka sibiilaa, dhaga'aa fi muka irraallee waaqa tolfamaa hojjatamanii akka hin saganne, waan hujii harka isaaniitiifillee aagii hin galle. Waan ajjeesuu isaaniillee yookiin waan asmaa isaanii yookiin waan seebaruu isaanii waan hatuu isaaniitiifillee aagii hin galle. Maleekkaan jabaan biraallee duumeessa uffatee ka sami'ii bu'u arge. Mataa isaa irra funyaan karaabaatitu jira. Fuulli isaallee akka adu'uu, lutti isaallee akka ibidda dhaga'aa ti. Kitaabattii diqqoo banamte harkatti qabateera. Luka isaa ka mirgaatiin galaana irraa, ta biita'aatiin lafa irra dhaabate. Akka Leenca aaduutitti laagaa gudda'aan iyyee, hennaa iyye gigissaan torbanuu akkuma laagaa isaaniitiin dubbatan. Hennaa gigissaan torbaa dubbatu, barreessuu yaade, «Sami'ii waan gigissaan torbaa dubbate chaappa'aan cufi malee, hin barreessin» laagaa jedhu dhagaye. Maleekkaan ani arge, Galaanaa fi lafa irra uduu dhaabatee, harka ufii ka mirgaa gara sami'ii ol kaasee, Sami'ii fi waan samii keessa jiran, lafaa fi waan galaana keessa jiran, galaanaa fi waan galaana keessa jiran ka uumeef baraa haga bara baraa jiraataa ta'ee ka jiraatuun kakatee, «Ammaa achi hin turu! Haata'uu ammoo Maleekkaan torbaffa'aa hennaa xurumbaa afuufu bara laagaan dhagayamu, garbootaa fi raattota lallaba gammachu'uu akka isaanii lallabeen dhossaan Rabbii hin raawwatama» jedhe. Laagaan sami'ii dhagaye deebi'ee yoo natti dubbatu, «Ka'iitii Maleekkaa galaanaa fi lafa irra dhaabatu harkaa kitaaba banamte ta harka isa jirtu fudhadhu» yoo jedhu dhagaye, gara Maleekka'aa dhaqee ti, Kitaabattii diqqoo naa kenni jedheen. Innillee, «Fudhadhuutii nyaadhu garaa keellee hin hadheessitii, afaan keetitti ammoo akka dammaa mi'oofti» naan jedhe. Maleekkaa harkaa Kitaabattii diqqoo fudhee nyaadhe. Afaan kiyya keessatti akka dammaa natti mi'oofte, haga nyaadheen maayii garaan kiyya hin hadhaaye. Gosa hedduu fi worra Yihuudotaa hin taane, «Worra Afaan adda addaa qaaqanii fi mootota marattuu deebitee raaga dubbachuu si barbaachisa» jedhamee natti himame. Waan ulee fakkaatu ka ittin madaalan naa kennee, «Ka'iitii mana woyyuu Rabbii, waan kennaa irratti dhiyeessanii fi worra achitti sagadanillee bikki» naan jedhe. Ka mana woyyu'uutiin ala jiru hin bikkin; worra Yihuudota hin taanee kennameeraa dhiisi; isaanillee ji'a afurtamii lamaaf qachaa woyyittii irra ejjatan. Raattota kiyya lamaanii fi uffata gaddaa uffatee guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jahaatamaa akka raaga dubbatan hunna isaanii kenna. Isaan kunniin ejersa lamaaf baattuu ibsa'aa lamaan ka Gooftaa biyya lafaa afoo dhaabatan. Eennuunillee midhuu yoo barbaade, ibiddatu afaan isaaniitii bayee diintota isaanii nyaata. Yoo eennullee isaan midhuu barbaade akkasuma hin ajjeefaman. Ji'oota raanni kun dubbatamu roobni akka hin roobneef samii cufu'uuf baallii qaban, bisaan hennaa gara dhiigaa jijjiiruu barbaadan maraa bala'aan lafa maraa dhayu'uuf baallii qaban. Ragaa isaanii haga raawwataniin maayii bineensa ashuutee bawu woliin wol lolan. Mooyatee isaan ajjeesa. Reeffi isaaniillee afoo qachaa gudditti'ii ciisa; isiinillee akka fakkeenna hafuuraatiin soodomiif Misirii jedhamteeti akkasuma hulee Gooftaan isaanii itti fannifame. Worra gosa afaan adda addaa, fi worra Yihuudota hin taanee, Reeffa isaanii guyyaa sadihiifi wodhakkaa lafatti laalan. Reeffi isaanii akka awwaalamu hin dhiisan. Raattonni lamaan kunniin worra lafa irra jiraatan waan rakkisaniif isaanitti gammadan gammachu'uun jiraatan, kennaa wolii kennan. Guyyaa sadihii fi wodhakka'aan maayii hafuurri jireennaa Rabbiin biraa bayee isaanitti deebi'ee luka isaaniitiin dhaabatan. Sodaan guddaan worra isaan laalan irratti bu'e. Sami'iillee laagaa guddaa, «Garana ol bayaa'a!» jedhu dhagayan. Isaanillee uduu diintonni isaanii laalan gara sami'ii duumessaan ol bayan. Sa'aatii san lafti guddiftee sochoote. Qachattiin kudhan keessaa harki tokko hin kufte. Sochii saniin namoonni kuma torbaa dhuman. Worri hafellee sodaatee Waaqa sami'itii ulfinna kennan. Aanne'een lammaffa'aa lufeeti, akkasuma aanne'een sadaffa'aa dafee dhufa. Maleekkaan torbaffa'aa xurumbaa afuufe. Sami'itti, «Mootummaan adunya'aallee ta Gooftaa keennaa Kiristoosiiti. Inni baraa haga bara baraa mooya» laagaan guddaan jedhu dhagayame. Manguddoonni diddamii afurii ka teessoo Rabbii afoo taa'an kallacha ufiitiin lafatti gadi kufanii akkana jedha'aa Rabbii sagadan. Ka jirtuuf ka turte, ka maraa bulchitu, Rabbii Gooftaa keenna hunna guddaa waan qabduuf waan mooteef si galateeffanna. Worri Yihuudii hin taanellee hin lolan, atillee hin lolte; hennaan ati worra du'anitti murteessitullee dhufe. Barri ati garboota kee, raattotaaf woyyoota kee, worra maqaa kee sodaatan didiqqa'aaf gugurda'aa gatii isaanii kennitu, worra lafa balleessanillee balleessitu dhufe. Manni woyyuu Rabbii ka samii jiru baname; «Saanduundhi waada'aallee» mana woyyu'uu keessatti mudhate, laagaa, bakakkaa, gigissaa, sochii lafaatii fi baradaan guddaan uumame. Malkanni guddaan sami'itti mudhate. Dubartiin aduu uffate ta addeessa luka isi'ii jalaa qabdu urjii kudha lamaa mataa ufii irratti gonfatte fakkaattu takkatu jira. Isiinillee ulfa dayu'uuf ciniinsu'uun qabamtee dhiphatteetitti iyyite. Malkanni biraallee sami'itti mudhate. Jawween guddaan diimaan, mataa torbaa fi gaafa kudhan qaba. Mataa isa irraa qoobii torbatu jira. Eegeen isaa urjii sami'ii sadi keessaa harka tokko gara lafaa gad-jisse. Jawweenillee hennaa dubbartittiin deette daa'ima isi'ii nyaachu'uuf dubartittii dayu'uuf taatu san afoo dhaabate. Ilma dhiiraa ka worra Yihuudota hin taane maraa ulee sibiilaatiin bulchu'uuf ta'u deette. Mucaan isi'ii gara Rabbiitiif gara teessoo isaa ol fudhatame. Dubartittiin guyyaa kuma tokkoo fi jahatamaa achitti akka isii sooran gara hulee, Rabbi qopheesseefii gara gammoojji'ii dheessite. Samii irratti lolli ka'e. Mikaa'elii fi Jawween wol lolan, Jawweenillee Maleekkota woliin wol lole, garuu isaan hin dandenne. Achiin maayessa sami'itti hulee dhaban. Ka adunyaa maraa dogoggorsu, daabiloos yookiin ka seexana jedhamu, Jawween guddaan innillee bofni duraa sun gad-gara lafaa darbame. Maleekkonnillee isaan wol lolan. Laagaan guddaan sami'itti hennaa akkana jedhu dhagaye. «Amma baalliin fayyinni, hunni, jeennanni ka Waaqa keenna Yesuus Kiristoosiiti. Himattoonni halkanii fi guyyaa Waaqa keenna afo'otti, obboleewwan teenna himatan waan gadi darbamaniif. Isaan, dhiiga hoola'aatii fi sababaa dubbii ragaa isaaniitiin mooyataniin; isaan lubbuu isaanii haga du'aa ufirraa bayan. Kanaafuu isin worri sami'ii fi samii keessa jirtan gammadaa'a, lafaa fi galaana isaan hobbaasi, daabiloos akka barri hagoon hafe beekee, aarii gudda'aan gara keessan waan bu'eeruuf.» Jawweenillee haga akka gara lafaa darbame arge, dubartii ilma dhiiraa deette san ari'e. Isiinillee afoo bofaatii bara, barootaa fi wodhakkaa barootaa gara lafa gammoojji'ii waa itti nyaattuu barartee akka fagaattu koolli bajjaa lamaan gugurdaan kennameef. Bofnillee dubartittiin akka lagaan liqimfamtu godhu'uuf, bisaan haga lagaa gayu afaan ufii keessaa isii duubatti jisse. Laftillee afaan banteeti bisaan jawween afaan ufii keessaa jisse dhugu'uun dubartii san gargaarte. Bineensi tokkollee uduu galaana keessaa bayu arge. Gaafa kudhanii fi mataa torba qaba. Gaafa isaa irra qoobii kudhanii fi mataa isaa torban irraa maqaa arrabaatitu jira. Bineensi ani arge sun, Qeerransa fakkaata; lutti isaa akka luka Awaaldiigessaa, afaan isaa akka afaan leencaa ti, Jawweenillee hunna ufii, teessoo ufiitii fi baallii ufii guddaa kenneef. Mataa isaa torban keessaa tokko ka akka waan goorra'amee du'ee ta'e arge; madaa isa ajjeesu'uuf ta'u irraa hin fayye. Baniin lafarraa maruu bineensa duukaa deema'aa maalalfatan. Jawwe'eellee hin sagadan, waan inni bineensaa baallii kenneruuf, «Binneensa eentu fakkaata? isaanillee eentu wol loluu danda'a?» jedha'aa sagadaniif. Waan guddaa fi afaan ittiin arrabsutu kennameef, ji'a afurtamii lamaa akka hojjatu baalliin kennameef. Rabbiinillee arrabsu'uuf maqaa isaatiif hulee bultii isaa ta sami'ii worra bulullee arrabsu'uuf afaan banate. Woyyoota worrane mooyachuu gosaa fi firoota banii afaan gara garaa dubbatan maraa irratti baalliin kennameef. Uumama adunya'aatii jalqabee worri maqaan isaanii kitaaba jireennaa ka hoolaa qalamee keessatti hin barreeffamne, worri lafarra jiraatan maruu hin sagadaniif. Ka gurra dhagayu qabu yoo jiraate haa dhagayuu. Eennullee ka booji'amuu barbaadu yoo jiraate gara booju'uu deema. Eennullee ka guraade'een nama ajjeesu yoo jiraate, inni guraade'een haa ajjeefamuu. Obsinii fi amantaan woyyootaa kanaan. Bineensi biraallee uduu lafaa bawu arge. Gaafa lamaa ka gaafa hoola'aa fakkaatu qaba. Akka Jawwe'eetitti qaaqa. Inni maqaa bineensa duraatiin baallii guutu'uun hojjata'aara. Laftinii fi worri lafarra jiran maruu, bineensa duraa ka madaa ajeeftu irraa fayyee, akka sagadaniif godha. Ibidda afoo namaatitti samii irraa buusu'uun malkata gugurdaa godha. Malkata gugurdaa afoo bineensaatitti ta'u saniin worra lafa irra jiraatan hin dogoggorsa. Ka madaa guraade'ee qabuuf, worra lubbu'uun jiraatan fakii bineensa sanii akka godhatan worra lafa jiraatanitti dubbata. Hennaa fakiin bineensaa qaaqu, fakii bineensaatii worra hin saganne maraa ajjeesisu'uun fakii bineensaatii hafuurri akka kennamuuf taasifame. Didiqqa'aa fi gugurdaan, dureeyyi'ii fi hiyyeeyyiin, gooftotaa fi garboonni maruu harka isaanii ka mirgaatitti yookiin kallacha isaanititti malkata godhatan. Maqaa bineensaa yookiin Malkata laakkofsa maqaa isaa ka hin qabne eennullee bituu yookiin gurguruu akka hin dandeenne godha. Wonti kun ogummaa barbaada ka sammuu qabu laakkofsa bineensaa haa laakkayuu. Laakkofsi laakkofsa namaa waan ta'eef, laakkofsillee dhibba jahaa fi jahaatamii jaha. Kunoo hoolaa gaara Tsiyoonii irra dhaabate arge. Isa woliin worra maqaan isaaniitii fi maqaan Abbaa isaa ka kallacha isaanititti barreeffame, kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afuri. Laagaa akka bisaan gudda'aa akka gigissaa gudda'aa sami'ii dhagaye. Laagaa akka worra dibbee dhayuu dhagaye. Teessoo afo'otti busaayota arfanii fi afoo manguddootaatitti faaruu haarawa faarfatan. Worra lafa irratti fayyan keessaa kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afurii malee faaruu san baratuun eennufillee hin danda'amne. Worri kun qulqullumma'aan uf eeganiiran. Worra dubartii bira dhaqanii uf batteessanii miti; isaan kunniin qeerro'o. Worri gara hoolaan Rabbii deemu faanaa deeman kanniin fa'a. Rabbii fi hoolaa Rabbiitii akka hangafa isaanii ta'an namoota keessaa worri fayyan kanniin fa'a. Afaan isaanii keessa sobninii fi mudaan hin jiru. Maleekkaan Oduu Nagayaa bara baraa banii, fiixaa, worra afaan gara garaa ka gosa maraaf lallabu samii wodhakka'aa uduu bararu arge. Laagaa gudda'aan sa'aatiin murtii isaa waan gayeeruuf, Rabbiin sodaadhaa'a! Ulfinnallee isaa kennaa'a. Rabbii ardii, samii, galaanaa fi burqaa bisaanii uumeef sagada'aa jedhe. Ergamaan lammaffa'aa ka duraatitti aanee, «Baabilooniin guddooni jidde jidde, isin gofti adda addaa maruu daadhii woyini'ii ta seebarchiiftuuf ta macheessitu akka dhugan gooteerti» jedhe. Maleekkaan sadaffa'allee laagaa gudda'aan akkana jedha'aa isaan faanaa deeme, «Ka bineensaa fi fakii isaatii sagadu yookiin kallacha ufii yookiin harka ufii irratti ka malkata isaa godhatu eennullee yoo jiraate, Inni daadhii woyini'ii ta lola Rabbii hin dhuga. Daadhiin woyini'ii sun uduu hin makamin mijuu lola Rabbiititti makamteerti. Woyyootaa fi afoo hoolaa Rabbiititti ibiddaa fi ibiddaa dhaga'aatiin gatii argata. Aarri rakkinna isaaniillee baraa haga bara baraatitti baya. Worri bineensaa fi fakii isaatii sagadan, worri malkata maqaa isaallee fudhatan maruu, halkanii guyyaa hara hin baafatan» jedhe. Worri ajaja Rabbii eeganii fi woyyoonni Yesuusiin amanu'uun jabaatan. Anillee samii irraa laagaa, «Ammaa achi worri Goofta'atti amananii du'an eebbifamtoota» Ayyaanni, «Ee, akka isaan dadhabbii irraa harabaafatan, hujiin isaaniillee isaan duukaa deema jedha jedhii barreessi» laagaa jedhu dhagaye. Achiin maayii midhadhee duumeessa adii arge, dumeessa san irra ka ilma namaa fakkaatutu taa'eera, mataa isaa irra gulloo worqi'ii, harka isaa irraa haamtuu qaramtuu qaba. Maleekkaan biraallee mana woyyu'uu keessaa bayee, ka duumeessa irra taa'e saniin, «Hennaan haama'aa waan gayeef, haamtuu tee gadi ergii haami. Sanyiin lafa irraa gayeera» jedhee laagaa gudda'aan iyye. Ka duumeessa irra taa'e, haamtuu ufii gara biyya lafaa erge, biyyi lafaallee hin haamamte. Maleekkaan biraallee mana woyyuu ka samii jiru keessaa baye; innillee akkasuma haamtuu qaramtuu qaba. Maleekkaan biraallee ka ibidda irratti baallii qabu hulee ciinca'aatii bayee, ka haamtuu qaramaa qabuun, «Sanyiin gayeera, haamtuu kee qaramaa gadi ergiitii muka woyini'ii ka lafa jiru maraa hurbuu isaa kuti» jedhee laagaa gudda'aan waame. Maleekkaan sun haamtuu ufii gara lafaa gadi darbee muka woyini'ii ka lafa jiru muree hulee cuunfaa woyini'ii ka lola Rabbii gudda'aatitti gate. Cuunfaan woyinii sanii qacha'aan alatti dhiitame. Dhiinni lafarraa haga dhaabicha fardaa ol fagaate ka fageenni isaa haga harabaafata yookiin meetira kuma tokkoo fi dhibba jahaatitu hulee woyiniin itti cuunfamu keessaa baye. Malkataa fi maalalee guddaa biraallee Sami'itti arge. Lolli Rabbii waan isaan irratti raawwatamuuf. Maleekkonni torbaa ka balaa dhumaa torba harkatti qabatan mudhatan. Garba bilille'ee ka ibiddaan makame fakkaatu arge. Bineensaa fi fakii isaa laakkoofsa maqaa isaallee worri mooyatan meeshaa Rabbii kaddaamama'aa qabatanii hennaa galaana bilille'ee irra dhaabatan arge. Kanaan maayii dukkaanaan raga'aa woyyuun ka sami'ii hin baname, Maleekkaa torbaa ka balaa torbaa harkaa qaban, mana woyyu'uutii bayanii, uffata fuuttaa irraa hojjataman uffata mishaa qandhafaa uffatan, qaama isaanii ka sabbata worqi'iitiin hidhatan arge. Busaayaa arfan keessaa tokko baraa haga bara baraa ka jiraatu xuwwee worqi'ii torban ka lola Rabbiitiin guuttame Maleekkaa torbatti kenne. Ulfinni Rabbiitii fi aarri hunna isaa mana woyyuu guute. Balaan torbaa ka Maleekkaa torbaa haga raawwatamuuf eennullee gara mana woyyuu seenuu hin dandeenne. Maleekkaa torbaan laagaa guddaa dhaqa'aatii mijuu xuwwe'ee ka lola Rabbii lafa keessatti jissaa'a, jedhu mana woyyuu keessaa dhagaye. Maleekkaan duraa dhaqeeti mijuu xuwwe'ee lafa keessatti jisse; worri malkanni bineensaa irra jiruuf namoota fakii isaatii sagadan, madaa nafa isaanii nyaatutu isaanitti baye. Maleekkaan lammaffa'aallee mijuu xuwwe'ee galaana keessatti jisse; galaanni sunillee akka dhiiga nama du'e ta'e, wonti galaana keessa jiru ka lubbuu qabu maruu hin du'an. Maleekkaan sadaffa'aallee mijuu lagaa fi burqaa bisaanii keessatti jisse; isaanillee dhiiga ta'an. Maleekkaan bisaanillee, «Gooftaa jirtuuf ka turte, woyyuu akka kana waan murteessiteef, ati qajeela'a; Waan dhiiga woyyootaatii fi raattotaa jissaniif. Akkasuma dhiiga isaan obaafteerta. Waan isaan barbaachisuuf!» jedhee yoo dubbatu dhagaye. Waan kennaa irratti dhiyeessan keessaa, «Ee, Waaqa Gooftaa maraa bulchitu, murtiin kee dhuga'aa fi sirri'i» jedha'aa hennaa dubbatu dhagaye. Maleekkaan arfaffa'aa mijuu aduu irratti jisse; namootallee ibiddaan akka gubdu isi'ii kenname. Namoonnillee oo'a gudda'aan gubatan. Maqaa Rabbii ka balaa kanniin irratti baallii qabu abaarani; aagii galanii ulfinna isaa hin kennine. Maleekkaan shanaffa'aa mijuu teessoo busaaya'aa irratti jisse mootummaan isaallee hin dukkanoofte. Waan dhiphataniif arraba ufii alanshan. Waan dhiphatanii fi waan madaayaniif Waaqa sami'ii arrabsan. Hujii isaanii irraallee deebi'anii aagii hin galle. Maleekkaan jahaffa'aallee mijuu laga guddaa Efiraaxes jedhamu irratti jisse. Mootota baya biiftu'uutii dhufan, karaan akka isaanii qophaayuuf bisaan goge. Afaan Jawwe'eetii, afaan busaaya'aatii, afaan raaga sobaatii wonti raacha fakkaatan, ayyaanni battiin sadihii hennaa bayan arge. Waan ayyaana jinni'ii ta'aniif malkata godha'aa guyyaa lola guddaa Rabbii waa maraa bulchuutiif wolitti qabu'uuf gara mootota adunyaa maraa dhaqan. «Ani akka hattu'uu ta'ee dhufa! akka qullaa hin deemne saala isaallee akka hin argine, ka dammaqee uffata ufii eegu ka eebbifame!» Afaan Ibraayisixiitiin gara hulee «Armaageedoon» jedhamutti wolgayan. Maleekkaan torbaffaan mijuu qilleensa keessatti jisse; mana woyyuu keessaa, laagaan guddaan, «Raawwatameera» jedhu teessoo irraa dhagayame. Laagaan Bakakka'aatiif gigissaan dhagayamee lafti guddiftee sochoote. Haga namni lafarratti uumamee jalqabee sochiin akkanaa guddaan sirimaa ta'ee hin beeku. Kun maraa caale. Qachattiin guddoon bakka sadihitti qoodamte. Qachaan worra Yihuudii hin taanee hin kufan. Baabiloonii guddoon daadhii woyini'ii ta lolaa jabduu akka isi'ii kennamuuf Rabbiin afo'otti yaadatamte. Tulluun bisaaniin marfaman maruu hin dheessan; gaarranillee hin badan. Baradaan guddaan madaalaan taalentii tokko ta'u Samii irraa namoota irratti bu'e, namoonnillee sababaa balaa barada'aatiin Rabbiin arrabsan, balaan guddisee guddaa waan ta'eef. Maleekkaan torbaa ka mijuu xuwwe'ee torbaa qabatan keessaa tokko dhufeeti, «Koottu, murtii seebartuu gudditti'ii, ta bisaan hedduu irra teette sitti mudhisa. Mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran, worri lafa irra jiraatan daadhii woyini'ii seebara isi'iitiin machaayan» jedhee natti dubbate. Ayyaanaan gara gammoojji'ii na fidee intalti takka ta maqaan arrabbaa irra jiru ta mataa torbaa fi gaafa kudhanii qabdu ta bineensa diimaa irra teetu arge. Intalattiin sun uffata diima'aa fi hamara uffattee worqi'ii fi dhagaa gatii gudda'aa waan gatii gudda'aatiin bareede harka ufiititti waan nama shakkisiisaa, xuwwee worqi'ii ka seebarri'ii fi battumma'aan guuttame qabatte. Kallachaa isi'iititti maqaa dhossa'aa, «Baabiloonii guddoo haadha seebartootaatii fi ta lafa battootaa» jedhamee barreeffame. Intalti dhiiga woyyootaatii fi dhiiga worra Kiristoosiin ragaa bayaniin machoofte arge; hennaa isii arge guddisee maalalfadhe. Maleekkaanillee, «Maali'iif maalalfattaa?» Dhossaa Intalatti'iitii fi dhossaa busaaya'aa isii baadhatuu ka mataa torbaatii fi gaafa kudhanii qabu ani sitti hima. Bineensi ati argite duri jira, amma ammoo hin jiru, ashuuteen keessaa bayu'uuf ta'a, gara badi'iillee hin deema, worri maqaan isaanii uumama adunya'aa irraa jalqabee Kitaaba jireennaatitti hin barreeffamne, worri lafa irra jiraatan akka bineensi jiru, ka amma hin jirre, deebi'ee akka dhufe haga argan hin maalalfatan. «Sammuun ogummaa qabu kanaan, mataan torban ka intalti sun irra teette gaara torban. Akkasuma mootonni torba keessaa shan kufaniiran; tokko hin jira, ka hafellee haga ammaa hin dhufne. Yoo dhufullee hennaa diqqoo turuu barbaachisa. Bineensi jiruuf ka hin jirree, saddetaffaa torba keessaa tokko gara badi'ii deema. Gaafni kudhanii ka ati argite mootota kudhanii ka haga ammaa mootummaa hin arganne. Haata'uu ammoo bineensa san woliin sa'aatii tokkoof akkuma moototaa baallii fudhatan. Kunniin yaada tokko qaban hunna ufiitiif baallii ufiillee bineensa sanii kennan. Kunniin hoola'aan lolan, hoolaan sun Gooftaa Gooftotaatii fi mootii mootootaa waan ta'eef, isaan mooyata worri isa woliin jiran worri waamamanii fi worri filataman akkasuma worri amanaman hin mooyatan.» «Bisaan seebartiittiin irra teette ka ati argite, gosaa fi namoota hedduu, worra Yihuudii hin taanee fi worra afaan adda addaatiin dubbatu naan jedhe. Gaafni kudhaniitii fi bineensi ati argite, seebartitti'iin wol lolanii qulla'aa fi duwwaa isii godhan, foon isi'iillee hin nyaatan ibiddaan isii guban. Rabbi yaada Isaa akka godhan yaada tokko akka qabaatan, haga jechi Rabbii raawwatamutti, mootummaa isaanii akka bineensa sanii kennaan onnee isaanii keessa waan bulcheef. Intalti ati argite, ta qachaa guddoo mootota lafaa irratti mootu» jedhe. Kanaan maayii Maleekkaa biraa ka baallii guddaa qabu hennaa sami'ii bu'u arge. Sababaa ulfinna isaatiin lafti ifte. Laagaa gudda'aan, «Baabilooniin guddittiin kufte! kufte! hulee jinniin jiraatu taate, hulee ayyaanni baatti'ii marti itti irkatan ayyaanoonni hamaaniif ka simbirroonni jibbaman maruu itti irkatan taate. Worri Yihuudii hin taane maruu daadhii woyini'ii, sababaa seebaruu isi'iitiif kufaniiran mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran; daldaltoonni biyya lafaa sababaa hunna qananii isi'iitiin, dureeyyii ta'an» jedhee iyye. Sami'ii laagaa biraa ka akkana jedhu dhagaye; Banii kiyya! Cubbuu isi'iitiin wolii gala'aa, balaa isi'ii akka hin fudhanne, isii keessaa bayaa'a! Cubbuun isi'ii haga sami'ii waan gayeef, Rabbi hammeenna isi'ii yaade. Haguma isiin kenniteen gatii isi'ii deebisaaf, Akkuma hujii isi'iitiin; dachaa lamaa godha'aatii mijuu isiin wolitti matte dachaa lamaa godha'aatii bulbulaa'a! Haguma isiin uf kabajjiteef haga uf boonsiteen miidha'aa fi gadda isi'ii kennaa'a. Onnee isi'ii keessatti, «Ani mootittii ta'ee jiraadha, haadha hiyyeessaa hin ta'u, horomaa hin gaddu» waan jetteef. Kanaafuu balaan hedduu, duutii, gaddinii fi beelli, guyyaa tokkoon isii irra hin gaya. Waandhi Gooftaan isi'itti murteessu jabaa waan ta'eef, ibiddaan gubatti. «Mootonni adunyaa tanaa ka isii woliin seebaraniif isii woliin boonan, aara hennaa isiin gubbattu aaru arganii waan isi'iitiif banne banne jedha'aa booyan. Ati Baabiloonii qachaa gudditti'ii jabduu si hobbaasi! murtiin kee sa'aatii tokko keessa waan sirra gayuuf» jedha'aa qaaqan. Fe'aa markaba isaanii ammaa achi namni bitu waan hin jirreef, daldaltoonni lafa irraa booya'aa gaddaniif. Fe'aan sunillee worqi'ii fi birri'ii, dhagaa gatii gudda'aa waan gatii gudda'aa uffata fuutta'aa, diimaa dhiilgee, dhiilgee muka urgaayu maraa mi'a ilkaan arbaa irraa hojjatame maraa muka gatii gudda'aa naasii sibiilaa mi'a dhagaa adii irraa hojjatame mara, Qarafaa, waan waa mi'eessu, Urgoo, dhadhaa'a, hixaana, daadhii woyini'ii, Zayitii'i, daakuu sukkuumamte, qamadii, loon, hoolaa'a, farda, gaarii fardaa, garbootaa fi namoota mara. «Daraaraan ati dharraate si bira lufeera. Wonti si boonsuu fi ka si qandhafsiisu martuu si jalaa badeera; ammaa achi namoonnillee sirima isaan hin argatan» Qachaa guddoo uffata haphii fuuttaa'a, uffata dhiilgee diimaa uffattee, worqi'ii fi dhagaa gatii guddaa waan gatii guddaa badhaafamteef isi'ii hobbaasi! isi'ii hobbaasi! durummaan hagana gayu sa'aatii tokko keessa waan badeef jedha'aa dhaabatan. Worri markaba ofuu fi worri markabaan hulee maraa deemu maruu, worri markabaa, worri galaana irraa fayyadaman maruu fagoo dhaabatan. Hennaa isiin gubattu Aara isi'ii arganii, «Qachaan qachaa guddittii san fakkaatu eessa jira?» jedha'aa iyyan. Daaraa uf irratti firfirsanii gaddanii booya'aa, «Qachattii guddoo, durummaa isi'itiin worra galaana irraa, markabaan dureeyyii gootee bille'e!, bille'e! sa'aatii tokkotti badde» jedha'aa iyyan. «Sami'ii, woyyoota, ergamtootaa fi raattota isi'itti gammadaa'a! Rabbi waan isinii murteesseeruuf» Maleekkaan jabaan tokko dhagaa guddaa haga baaburaa gawu ol fuudhee akkana jedhe, gara galaanaa darbe; «Qachaan Baabiloonii guddittiin akkanatti dhiibamtee kufti; ammaa achi sirima hin argamtu. Worri dibbee dhayanii fi laagaa faarfatu meeshaa laagaa adda addaa qabu; laagaan finge'eetii fi xurumbaa afuufamu ammaa achi sirimaa si keessatti hin dhagayamu. ogummaan harkaa marti ogeessi tokkollee amma achii si keessatti sirima hin argamu, laagaan baaburaa, ammaa achi si keessatti sirima hin dhagayamu; Ifti ibsa'aallee, ammaa achi si keessatti sirima hin ifu; Laagaan idaayya'aatiif idaayiitti'ii ammaa achi si keessatti sirima hin dhagayamu. Daldaltoonni teellee'e, bulchoota adunyaa tanaa waan ta'aniif, asmaa keetiin worri Yihuudii hin taane maruu, waan dogoggoraniiraniif. Isii keessa dhiinni raattotaatii fi woyyootaa, dhiinni worra lafarratti goorra'amee maruu, isii keessatti argameera.» Asiin maayii sami'itti, «Hallee luyyaa! ta seebaru'uun lafa balleessite seebartuu guddoo waan itti murteeffameef waan dhiiga garbotaa harka isi'iitti haluu baaseef» Murteen isaa dhuga'aa fi qajeelaa waan ta'eef, fayyisuun, ulfinni, hunnillee ka Waaqa keennaati! jedhee hennaa dubbatu laagaa akka banii hedduu dhagaye. Ammallee, «Hallee luyyaa! jedhan. Aarri isi'ii baraa haga bara baraa hin aara» Manguddoonni diddaamii afurii fi busaayoonni afurii, afoo isaaniititti gad kufanii Rabbii teessoo irra taa'ee, «Amiin, halle luyyaa!» jedha'aa sagadaniif. Laagaan, «Garboonni maruu worri isa sodaatan didiqqaanii fi gugurdaan Waaqa keenna galateeffadhaa'a!» jedhu teessoo isaa biraa dhagayame. Laagaa akka laagaa banii hedduu laagaa akka laagaa bisaan gudda'aa laagaa akka laagaa gigissaa gudda'aa jiru hennaa akkana jedhu dhagaye. «Hallee luyyaa! ka maraa bulchuu Waandhi Gooftaan keenna waan mooyeeruuf. Waan ciini hoolaa Rabbii gayeef, isiinillee waan uf qopheessiteef haagammannuu, ililfata'aa, ulfinna isaa haa dhiyeessinuu! Uffata qulqulluu haphii fuuttaa irraa hojjatame akka uffattu kennameef.» Uffanni qulqulluun haphiin fuuttaan hujii woyyootaa ka qajeellumma'aati. Innillee, « ‹Worri hurbaataa cidha Hoolaa Rabbii irratti waamame eebbifamtoota› jedhii barreessi» naan jedhe. Akkasuma, «Kun dubbii Rabbii ka dhuga'aati» naan jedhe. Anillee isaa sagadu'uuf luka isaa jalatti kufe, innillee, «Akka akkas hin goone uf eegi! Anillee obboleeyyan kee kaawwan woliin akkuma worra ragaa Yesuusii qabanii garbicha, ragaan Yesuusii Ayyaana raaga'aa waan ta'eef, Rabbii sagadi» naan jedhe. Samii baname arge, kunoo ka farda guddaa ol fagaatu irra taa'e, «Amanama'aa fi ka dhuga'aati» jedhama. Qajeellumma'aan murteessa, hin lolalle'e. Iji isaa akka arraba ibiddaati; mataa isaa irra qoobii ulfinnaa heddutu jira. Maqaa biraa ka isaa malee ka eennullee hin beenne qaba. Uffata dhiinni itti faca'eeru uffateera, maqaan isaa dubbii Rabbiiti jedhameera. Loltoonni samii jiranillee adi'ii fi uffata haphii quuncee talbaa irraa hojjatame uffatan faradoo gugurdoo irra taa'anii duukaa deeman. Guraadee qaramaa worra Yihuudota hin taane ittiin dhayutu afaan isaa keessaa baya, innillee ulee sibiilaatiin isaan bulcha. Innillee daadhii woyini'ii ta lola hamaa Rabbii waa maraa danda'u itti cuunfatu san dhidhiita. Uffataaf gudeeda isaa irratti barreeffama maqaa, «Mootii moototaa, Gooftaa, Gooftootaa» jedhu qaba. Ka farda irra taa'een loltoota isaatiin lolu'uuf loltoonni mootota biyya lafaatiif bineensaan wol gayan arge. Bineensillee hin qabame worri isa afo'otti maalalee godha'aa malkata bineensaa worri fudhatan, worra fakii isaatii sagadan ka dogoggorse raanni sobaa isa woliin qabame; lamaanuu uduu lubbu'uun jiran gara ibidda dhagaa bobayuu gara galaana ibiddaa darbaman. Worri fardarratti hafan guraadee afaan isaatii bayuun dhuman; allaattiin maruu foon isaanii nyaatanii quufan. Maleekkaan furtuu ashuuteetii fi sansalaata sibiilaa harkaa qabu hennaa sami'ii bu'u arge. Bofa duraa, Jawwee, inni ka daabiloosii fi seexana jedhame qabee, Woggaa kumaa hidhee qilee ashuuteetitti gate, worra Yihuudii hin taane duranaa akka hin dogoggorsine haga woggaan kumaa raawwatamuuf isa irratti cufee chaappaa itti godhe. Achiin maayii hennaa gabaaba'aaf hin hiikkama. Teessoollee hin arge. Worra isarra taa'anii baalliin kennameef waan ragaa Yesuusiitiif waan dubbii Rabbiitiif namoota mataan isaanii irraa murame, worra bineensaaf fakii isaatii hin saganne worra malkata kallacha isaaniitiif harka isaanii irratti hin godhanne arge. Kiristoosiin woliinillee woggaa kumaa mooyanii jiraatan. Worri du'an ammoo haga woggaan kumni sun raawwatamutti lubbu'uun hin jiraanne; kun du'aa ka'uu duraati. Worri hiree du'aa ka'uu duraa qabu eebbifamtootaa fi woyyoota. Duuti lammaffa'aa isaan irratti baallii hin qabdu, gadoota Rabbiitiif ka Kiristoosii ta'anii isa woliin woggoota kumaa kana mooyan. Woggaan kumaa yoo raawwatame seexanni hidha'aa hiikkama. Worri Yihuudii hin taane gosa Gogii fi Magoogiin dogoggorsu'uuf kallattii lafaa arfanii bayan. Laakkofsi isaanii akka xindhacha qarqara galaanaati. Gara badhinna biyya lafaa bayanii, ganda woyyootaatiif qachaa jaalatamtuu marsan, ibiddi sami'ii Rabbiin biraa bu'ee isaan nyaate. Daabiloosiin isaan dogoggorse sun hulee, gara busaaya'aa fi raanni sobaa jiran gara galaana ibiddaatii fi dhagaa bobayuutitti gatame. Baraa haga bara baraa halkanii fi guyyaa rakkatan. Teessoo gudda'aa fi adii ka isa irra taa'eerullee hin arge; Ardi'ii fi samiinillee isa afo'oo dheessan. Huleen isaanii hin argamne. Worra du'an, didiqqa'aa fi gugurdaa teessoo isaa afoo ka dhaabatan arge; kitaabbileen banaman, kitaabni biraallee baname; innillee kitaaba jireennaati, du'oonnillee akkuma kitaabota irratti barreeffame akkuma hujii isaaniitiin qoodaman. Galaannillee worra du'an ka isa keessa jiranii kenne; duutinii fi ibiddi asaabaallee worra du'an ka isaan keessa jiru kennan. Martinuu akkaatama hujii isaaniitiin qoodaman. Duutiinii fi asaabnillee galaana ibiddaatitti gataman. Galaanni ibiddaa kunillee du'a lammaffa'aati. Eennullee ka galmee jireennaatitti hin barreeffamne galaana ibiddaatitti gatame. Ardii haarawaa fi samii haarawallee arge. Ardiin duraatii fi samiin duraa lufaniiran, galaannillee duranaa hin jiru. Qachaatiin woyyittiin haarofti Yeruusaalem akka idaayyaa abbaa manaatiif qandhaftee qophooftee Rabbiin biraa hennaa sami'ii buutu arge. Laagaan guddaan sami'ii kunoo dukkaanaan Rabbii namoota jidduu jira; «Isaan woliin bulla isaanillee banii isaa ta'an; Rabbillee inninuu isaan woliin ta'ee Waaqa isaanii ta'a. Imimmaan ija isaan maraa irraa haqa. Duuti ammaa achi hin jiru, seerri duraanii waan lufeeruuf jedhee hennaa dubbatu dhagaye. Ka teessoo ufii irra taa'e, «Kunoo, ani waan maraa haarawa godha!» jedhe; «Jechoonni kun amanama'aa fi dhugaa waan ta'aniif barreessi» naan jedhe. Raawwatameera naan jedhe. Ani Aalfa'aa fi oomeega'a, jalqabaa fi dhuma; ka dheebote burqaa jireennaa irraa akkanumaan kennaaf. Ka mooyate, kana dhaala; Ani Waaqa ta'aaf, innillee ilma kiyya ta'a. Haata'uu ammoo worri sodaatu ka hin amanne, worri battaaye, ka lubbuu ajjeese, worra adaba hin qabne, worra asmaa hojjatu, worra waaqa tolfamaa kaddaaman, sobduun marti hireen isaanii dhagaa ibiddaatii fi galaana bobayu, kunillee du'a lamaffa'aati. Maleekkaa torbaa ka mijuu balaa torbaa qabatan keessaa tokko gara kiyya dhufee, «Asi koottu, Idaayyittii Hoolaa Rabbii sitti mudhisaa» naan jedhe. Dallawaa guddaa dheera'aaf, karra kudha lamaa qabdi. Karra isi'ii maleekkaan kudha lamaa dhaabataniiran, maqaan kudha lamaan gosa Isiraa'elii irratti barreeffameera. Karaa baya adu'uutiin karra sadihii mirgaan karra sadihii gara bita'aatiin karra sadihii gara dhiyaatiinillee karra sadihiititu jira. Dalloofni qachatti'ii bu'uura kudha lamaa irratti isaan keessaallee maqaan kudha lamaan ergamtoota hoolaa Rabbii irratti barreffameera. Kanatti dubbate dallawaa fi karra qachatti'ii biku'uuf ulee worqi'ii qabateera. Qachattiinillee kallatii afurii qabdii, dheerinnillee akkuma badhinna isi'iitti. Qachattii ulee worqi'iitiin bikkee garaan kuma kudha lamaa ta'e. Dheerinni, badhinni, ol fageenni wol qixa. Maleekkaan naannawa dallawaallee bikkee bikkaa namni bikkuun ciqilee dhibba tokkoo fi afurtamii afurii ta'e. Daloofni isi'iillee Iyaasiphiidiin irraa hojjatame, qachaatiin bilillee worqi'ii fakkaatti. Bu'uurri dallawa qachaatti'ii dhagaa gatii gudda'aa maraan midhaage, bu'uurri duraa Iyaasiphiidii bu'uurri lamaffa'aa sanpeeri, bu'uurri sadaffa'aa keelqedoon, bu'uurri arfaffa'aa maraagidi, bu'uurri shanaffa'aa sardonikis. Bu'uurri jahaffa'aa Sardiyoon, bu'uurri torbaffa'aa Kiristiloobe, bu'uurri saddeetaffa'aa biralee, bu'uurri sagalaffa'aa worraawure'e, bu'uurri kudhanaffa'aa Kirisphirasis, bu'uurri kudha tokkoffa'aa Yaakinti, bu'uurri kudha lammaffa'aa Ametesixinos. Karri kudha lamaanuu waan gatii gudda'aa karri martinuu waan gatii guddaa tokko irraa hojjatame. Baadaan qachattii sanii worqii bilile'ee mishaa fakkaata. Waandhi Gooftaan maraa bulchuu fi hoolaan mana woyyu'uu isii keessa jiran; mana woyyuu isi'ii keessatti hin argine. Qachatti sanii waan ulfinni Rabbii isi'ii ifuuf ibsoon isi'ii hoolaa waan ta'eef, ifni adu'uutii fi addeessaa isii hin barbaachisu. Worri Yihuudii hin taanellee ifa isi'ii keessa jiraatan, mootonni biyya lafaallee ulfinnaan gara isi'ii fidan. Achi halkan waan hin jirreef karri guyya'aan sirima hin cufamu. Worri Yihuudii hin taane, gaachennaaf ulfinna isi'ii fidan. Worra kitaaba Hoolaa Rabbii keessatti barreeffamanii achi wonti shakkisiisaan maruu worri waan hama'aa fi soba hojjatan sirima isii keessa hin seenan. Baadaa isi'ii jidduu teessoo Rabbiitiif teessoo Hoola'aa waan akka bilille'ee callanqisu laga bisaan jireennaa natti mudhise. Laga gamaa fi gamana ji'a ji'aan muka jireennaa daraaraa kudha lamaa kennutu jira. Baallii mukaa ka banniin itti fayye. Ammaa achi abaarsi sirrima hin ta'u, teessoon Rabbiitii fi Hoolaan Rabbii isii keessa ta'a. Garboonni isaa isa kaddaaman fuula isaa keessa laalan. Maqaan isaa kallacha isaanii irraa jira. Amma achi hin halkanaawu. Waandhi Gooftaan waan isaanii ibsuuf ifaa fi ifti adu'uullee isaan hin barbaachisu; baraa haga bara baraa hin mooyan. Innillee, «Jechoonni kunniin amanama'aa fi ka dhuga'aati. Ayyaanni raattotaa, Waandhi Gooftaan keenna waan dafee ta'u'uuf ta'u garbootatti akka mudhisu, Maleekkaa erge.» «Ani, dafee dhufa, ka raaga dubbii kitaaba kanaa eegu, eebbifama'a» naan jedhe. Kanallee ka arge ana Yohaannis, hennaa dhagayee fi arge; hennaa kana natti mudhise, luka maleekka'aa afo'otti sagadu'uuf gad kufe. Innillee, «Akkas akka hin goone uf eegi! Anillee siif obboloota kee, raattota woliin namoota dubbii kitaabaa kana eegan woliin anillee garbichaa Rabbii sagadi» naan jedhe. Anaanillee, «Barri dhiyaateera, dubbii raagaa ka kitaabaa kana chaappa'aan hin cufin. Hamaanillee hammeennuma ufii haa godhuu, battaayaanillee battummama ufii haa godhuu, qajeelaanillee qajeellummama ufii haa hojjatuu, woyyuunillee woyyummaa ufiitiin haa jabaatuu» jedhe. «Ani dafee dhufa; isaan maraafuu akkuma hujii isaaniititti isaanii kennu'uuf gatiin isaanii na bira jirti. Aalfa'aa fi oomeegaa, ka duraatii fi ka maayessaa, ka jalqabaatii fi ka dhumaa ana.» Worri gara muka jireennaa gayu'uuf baallii qabaatu'uuf gara balbala qachati'ii seenu'uuf worri uffata isaanii miicatan eebbifamtoota. Worri asmaa godhan, sariinii fi seebartoonni worri lubbuu namaa ajjeese, worri waaqa tolffamaa kaddaaman, worri kijiba jaalatanii fi raawwatan maruu diida jiran. «Ani Yesuus tokkummaa woldaa Kiristaanaatitti kana akka isinii ragu Maleekkaa kiyya erge. Ani hidda fiixaa Daawitii, urjii ganamaa ka ifu.» Ayyaanninii fi idaayyittiinillee «koottu!» jedhan. Ka dhagayullee «Koottu!» haa jedhuu ka dheebotellee haa dhufuu ka fedhe bisaan jireennaa akkanumaan haa fudhatuu. Raaga Kitaaba kana irratti barreffame kana ka dhagayu maraafuu ani hin raga. Eennullee kana irratti waan tokko yoo eda'e, Rabbi balaa kitaaba kana keessatti barreeffame maraa isarratti raawwata. Eennullee dubbii kitaaba raagaa kana keessaa yoo hanqise, hiree isaa muka jireennaa ka kitaaba kanatti barreeffamee, qachattii woyyittii Rabbii keessaa jalaa hanqisa. Ka kana ragu, «Ee, dafee dhufa» jedha. Amiin! Gooftaa Yesuus, dafii koottu. Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin maraa woliin haata'u; amiin!