Hiddi dhaloota Yesuus Kiristoosii sanyii Abrahaamiitii fi sanyii Daawwitii kana. Abrahaam Yisihaaq uumate; Yisihaaq Yaaqoob uumate; Yaaqoob Yihuda'aa fi obboleeyyan Yihuda'aa uumate; Yihudaan Taamaar irraa Faaresii fi Zaaraa uumate; Faares Hesrom uumate; Hesrom Aaraam uumate; Aaraam Aminaadaab uumate; Aminaadaab Nahasoon uumate; Nahasoon Salmoon uumate; Salmoon Rahaab irraa Bo'az uumate; Bo'az Ruuti irraa Yoobeed uumate; Yoobeed Iseyi uumate; Iseyi Daawwitii mooticha uumate; Daawwiti haadha manaa Uriiyaa irraa Solomoon uumate; Solomoon Rehobi'aam uumate; Rehobi'aam Abiiyaa uumate; Abiiyaan Asaafi uumate; Asaafi Yoshaafaax uumate; Yoshaafaax Yooraam uumate; Yooraam Oziyaas uumate; Oziyaas Yo'ataam uumate; Yo'ataam Akaaz uumate; Akaaz Hisqiyaas uumate; Hisqiyaas Minaasee uumate; Minaaseen Amos uumate; Amos Yosiyaas uumate; Yosiyaas bara kolbaan Israa'elii gara biyya Baabiloonii booji'ante Yekoniyaasii fi obboleeyyan Yekoniyaasii uumate. Kolbaan Israa'elii gara biyya Baabiloon booji'anteen duuba Yekoniyaas Salaati'el uumatel; Salaati'el Zarubaabel uumate; Zarubaabel Abiyuudin uumate; Abiyuudin Eliyaaqim uumate; Eliyaaqim Azor uumate; Azor Zaadoq uumate; Zaadoq Akiim uumate; Akiim Eliyud uumate; Eliyud Ele'azaar uumate; Ele'azaar Maattaan uumate; Maattaan Yaaqoob uumate; Yaaqoob Yoseef uumate; Yoseefiin kun ka Maariyaam fuudhe; isiin, ka, “Masiihii” jedhamee moggaafame, ta Yesuus deette. Tanaaf Abrahaam irraa kaasee haga Daawwitiititti dhaloota kudhanii afuritti jira; Daawwiti irraa kaasee haga bara kolbaan Israa'elii gara biyya Baabiloonii booji'antetti dhaloota kudhanii afuritti jira; booji'ama gara Baabilooniitii haga dhaloota Masiihiille'etti dhaloota kudhanii afuritti jira. Dhalooti Yesuus Kiristoosii akkana. Haati isaa Maariyaamiin Yoseefiif kadhatanteertu adoo isaan wol bira hin geyin dura, Ayyaana Woyyichaan ulfoottee dhaggante. Yoseefiin isii kadhateeru sun nama balchaa waan te'eef, kolbaa duratti Maariyaamii qaanessuu hin barbaanne; maarre dhokaataan isii lakkisiisaaf yaade. Adoo inni tana yaadiisatti jiruu, ergamaan Waaqaa oojju'uun isatti mudhatee, “Yoseefii sanyii Daawwitii! Maariyaamiin ati kadhatteertu, Ayyaana Woyyichaan waan ulfootteertuuf, akka niitii teeti teetu gara mana keetii fudhatiisaaf hin sodaatin. Isiin ilma hin deetti; inni waan kolbaa ifii cubbuu irraa fayyisuuf, maqaa isaa, ‘Yesuus’ jettaan” jedheen. Kun martinuu wonni Goottaan karaa raagichaatiin dubbateeeru akka muummottuuf teete. Wonni dubbatameerulle, “Durri duudduun hin ulfootti; ilmalle hin deetti; maqaa isaalle, ‘Amaanu'el’ jedhamee waamama;” “Amaanu'el” jechuun, “Waaqi nu woliin jira” jechu'u. Maarre Yoseef yennaa dammaqe, akkuma ergamaan Gootta'aa itti hime, Maariyaamii kadhateeru akka niiti'iititti gara mana ifii fudhate. Te'uu malee haga isiin ilma deettutti akka niiti'iititti isii bira hin geenne. Yoseef maqaa isaa Yesuus jedheen. Bara Heroodis mooticha te'eeru, qachaa Beetelemii, ka Yihudaa keessaatitti Yesuus dhalate. Achiin duuba adoo hin turin beekkoleen urjii qorqortu karaa baya adu'uutii gara Yerusaalemii dhufanee, “Mucaan mootii Yihudootaa te'iisaaf dhalate, eessa jira? Nuuti urjii isaa karaa aduun baatutti dhagginee, isatti sagadiisaaf dhunneerra” jedhanee iyyaafatane. Mootichi Heroodis yennaa waan kana dhage'e rifate; worri Yerusaalemii martille isa woliin rifate. Inni mootolee hayyootaatii fi barsiisota Seeraa wolitti qabee, “Masiihiin eessatti dhalata?” jedhee isaan gaafate. Isaan, “Beetelemii Yihudaa keessaatitti dhalata; raagichi: ‘Ati Beetelemiin Yihudaa keessaa! Qachoota gugurdaa Yihudaa keessaa mara caalaa ijjumaayyuu hin diqqaattu; sababille ka kolbaa tiyya Israa'el bulchu bulchaan si keessaa baya’ jedhee barreesseera” jedhaneen. Heroodis dhossa'aan worra urjii qorqoru san waamee yennaa urjiin itti mudhatte isaan irraa gaafatee hubate. Achiin duuba, “Dhaqa'aatii, marroo muca'aa miidhassa'aa qorqora'a; yennaa isa dhaggitane, anille dhaqee akka sagaduuf anatti hima'a” jedhee, gara Beetelemii isaan erge. Isaan yennaa waan mootichi jedhe dhage'ane, ka'anee yaa'ane; karaa irralle'etti urjiin isaan karaa aduun baatutti dhaggane tuun, addee mucaan jiru san gubba'atti haga dhaabbattutti isaaniin dura ideente. Isaan yennaa urjii dhaggane, akka malee gammadane. Mana seenanee, mucaa haadha isaa Maariyaam woliin dhagganee, gad jiganee isaaf sagadane. Achiin duuba subba ifii bananee worqii, hixaanaa fi qumbii isaaf kennane. Achiin duuba isaan gara Heroodisii akka hin deebineef, Waaqi oojju'uun waan isaan if eegachiiseef, karaa dhibi'iin gara biyya ifii deebi'ane. Eega beekkoleen sun gara biyya ifii deebi'ane, ergamaan Gootta'aa oojju'uun Yoseefitti mudhatee, “Heroodis mucaa ijjeesiisaaf waan barbaaduuf, ka'iitii, muca'aa fi haadha isaa fudhadhuu gara biyya Gibxi'ii baqadhu; haga ani sitti himutti achi turi” jedheen. Maarre Yoseef ka'ee, muca'aa fi haadhaa muca'aa fuudhee, gara biyya Gibxi'ii halkanuma san deeme. Haga Heroodis du'u achi ture; Goottaan afaan raaga'aatiin, “Ani biyya Gibxi'iitii mucaa kiyya waame” jedhee wonni dubbateeru akka muummottuuf tun teete. Worri urjii qorqoru akka isa sobe yennaa hubate, Heroodis akka malee aare. Yennaa urjiin itti mudhatte worra urjii qorqoru irraa akka gaafatee hubatetti, ijoollee Beetelem keessaatii fi adaala isi'ii maraa, ta woggaa lamaa yookiin achii gadii loltoota ifii ergee ijjeesisiise. Akka kanaan wonni raagichi Ermiyaas jedhe muummotte; wonni inni raagalle, “Qoonqoon Raama'atti dhage'ante, qoonqoo wiiccifataa fi booyaa ti. Raahel ijoollee ifiitiif bootte; ijoolleen isi'ii waan dhumatteef, jajjabaachuu didde” ka jedhu. Heroodis du'een duuba, ergamaan Gootta'aa biyya Gibxi'ii keessatti oojju'uun Yoseefitti mudhatee, “Worri mucaa ijjeesiisaaf barbaadu waan du'eef, ka'iitii, muca'aa fi haadha isaa fudhadhuutii, gara biyya Israa'elii deebi'i” jedheen. Maarre Yoseef ka'ee, muca'aa fi haadha muca'aa fudhatee, gara biyya Israa'elii deebi'e. Arkelaawoos addee abbaa ifii Heroodisii biyya Yihuda'aa akka bulchiisatti jiru yennaa dhage'e ammoo, Yoseef achi deemiisa sodaate. Oojju'uun gorfamee, gara lafa Galiila'aa dhaqee, raagoti marroo Yesuusiitiif, “Inni Naazireticha hin jedhama” wonni jette akka muummottu qachaa Naazireti jedhamu dhaqee le'e. Bara san Yohaannisiin cuuphaan goomolee biyya Yihuda'aa keessa lallabaa dhufee, “Mootummaan ol-gubba'aa waan dhikaatteeef cubbuu irraa deebi'aa!” jedhe. Isaayaasiin raagichi, “Nami tokko goomolee keessaa iyyaa, ‘Karaa Gootta'aaf qopheessa'a; daandii inni irra deemu qajeelcha'a!’ ” yennaa jedhe inni marroo Yohaannisii dubbate. Uffanni Yohaannisii rifeensa gaalaa irraa dhowameeraayyu; inni hidha ifii teephaan hidhate; sagaleen isaalle awwaannisaa fi damma hollaa ti. Yerusaalem irraa, Yihudaa irraa, biyya cinaa laga Yordaanosii mara irraa kolbaan gara isaa dhutte. Isaan cubbuu ifii dhugaa baasanee, laga Yordaanosiitiitti harka Yohaannisiititti cuuphamane. Yohaannis Fariisaayotaa fi Saduqoota hedduu cuphamiisaaf gara isaa dhufiisatti jirtu yennaa dhagge, “Isin ilmaan buuti'ii! Akka isin mufii Waaqaa ta isinitti dhufaartu jalaa baqattanu eennutti isinitti hime? Cubbuu teessan irraa akka deebitane waan mudhisu tolcha'a. Abbaan keenna Abrahaam jedhiisi isin hin baasa hin seyina'a. Waaqi dhakoota kana fuudhee Abrahaamiif ilmaan tolchiisa akka dande'u ani isinitti hima. Agaraan mukoota hiddatti muriisaaf qophoweera; muki midhaan dansaa hin buunne muramee ibiddatti hin gatama. Akka isin cubbuu irraa deebitane mudhisiisaaf ani bisaaniin isin cuupha, ka ana duubaan dhufaaru ammoo Ayyaana Woyyichaa fi ibiddaan isin cuupha. Inni guddoo ana caala; ani kophee isaatuu ba'atiisaafille nama te'uu moti. Inni eeddummee ifii keessatti midhaan qulleessiisaaf horooroo harkatti qabateera; midhaan qulleessee gootara'atti hin galcha; hicaacee ammoo ibiddaa hin dhaanneen guba” isaaniin jedhe. Yesuus yennaa san Yohaannisiin cuuphaan akka isa cuuphuuf gara laga Yordaanosii dhufe. Yohaannis ammoo, “Ani si'iin cuuphamu'uu male, ati maaf gara kiyya dhutta?” jedhee isa dhoogge. Yesuus ammoo deebisee, “Karaa kanaan balchummaa mara muummessu'uu waan malleef, amma ana dhoogguu lakkisi” jedheen; achiin duuba Yohaannis lakkise. Yesuus cuuphamee bisaan keessaa akkuma bayeen, ol-gubbaan banantee Ayyaanni Waaqaa saphaliisa fakkaatee gad dhufee isa irra bu'uun dhagge. Ol-gubbaa irraa qoonqoon, “Kun Ilma kiyya jaallatama'a, ka ani guddoo isatti gammadeeru” jette. Achiin duuba akka Yesuus Seexanaan ataabamu Ayyaanni Woyyichi gara goomole'ee geesse. Yesuus guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama laameen duuba beelote. Achiin duuba Seexanni gara isaa dhufee, “Ati Ilma Waaqaa yoo teete, dhakaan kun daabboo akka te'u ajaji” jedhe. Yesuus ammoo, “Barreeffam Woyyichi, ‘Jecha afaan Waaqaa keessaa bawu maraan malee, nami sagalee calla'aan hin le'u’ jedha” jedhee deebise. Achiin duuba Seexanni gara Qachaa Woyyichaa gara Yerusaalemii Yesuus geessee, qaccee guutuu Galma Waaqaa gubbaa isa dhaabbachiisee, Barreeffam Woyyichi, ‘Miilli keeti dhaka'aan akka hin gufanne, akka isaan harka ifiitiin si kiphanuuf, ergantoota ifii hin erga’ waan jedhuuf, Ilma Waaqaa yoo teete asi irraa gad if darbi” jedheen. Yesuus deebisee, Barreeffam Woyyichi, “ ‘Goottaa Waaqa keeti haga hin ilaalin’ jedha” jedheen. Achiin duuba Seexanni gaara dheeraa tokko gubba'atti isa baasee, mootummoota biyya lafaa mara, ulfinna isaanii mara woliin itti mudhisee, “Gad jiddee yoo anaaf sagadde, waan kana maraa si'iif hin kenna” jedheen. Yesuus deebisee, “Seexana, bayyadhu! Barreeffam Woyyichi, ‘Goottaa Waaqa keetiif sagadi, isa callaa tajaajili’ jedha” jedheen. Achiin duuba Seexanni Yesuus lakkisee deeme; ergantooti Waaqaalle dhufanee isa tajaajilane. Yesuus hidhama Yohaannisii yennaa dhage'e, gara Galiila'aa deebi'e. Qachaa Naaziretii lakkisee, lafa Zabilooniitii fi Niftaalem keessa, cinaa abbaayaa Galiila'aa, qachaa Qifirnaahom keessa le'e. Wonni Isaayaasiin raagichi raagee, “Lafa Zabilooniitii fi lafa Niftaalemii, Yordaanosiin gama, karaa gara abbaaya'aa geessu gubbaa jirtu, Galiilaa, lafa worra Yihudootaa hin te'inii! kolbaan dukkana keessa leete, ifa guddaa dhaggite. worra lafa gaaddisa du'aa keessa le'uuf, ifi ife” jedhe akka muummottuuf tun teete. Yennaa sanii jalqabee Yesuus, “Mootummaan Waaqaa waan dhikaatteef, cubbuu teessan irraa deebi'a'a!” jedhee lallabiisa jalqabe. Yesuus abbaayaa Galiila'aa qarqaraan adoo dabaruu, guurtuu qurximmi'ii ka te'ane obboleeyyan lamaan: Simoon ka Pheexroos jedhamee fi Indiryaasiin obboleessi Simoonii caccoo abbaaya'atti afanuun dhagge. Yesuus isaaniin, “Na hordofa'a! Ani guurtuu namaa isin tolcha” jedhe. Isaan yennuma san caccoota ifii lakkisaanee isa hordofane. Inni akkuma achii deemeen, obboleeyyan lamaan Yaaqoobii fi Yohaannis, ilmaan Zabdewoosii dhagge. Isaan hoboloo ifii keessatti abbaa ifii Zabdewoos woliin caccoota ifii subbiisatti jiraniiyyu. Yesuus isaan waame; isaanille yennuma san hobolo'oo fi abbaa ifii lakkisanee, isa hordofane. Yesuus manoota waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barsiisaa, Oduu Gammadaa ta marroo mootummaa Waaqaa lallabaa, dhibe'ee fi dhukkuba adda addaa mara irraa kolbaa fayyisaa Galiilaa duudii keessa deddeeme. Gurri isaa biyya Sooriya'aa maratti dhage'ame; waan kanaaf worra dhibameeru, dhukkuba adda addaatii fi dhibe'een farru, worra ayyaanni hamaan qabeeru, worra gaggaadduu qabuu fi worra laashoweeru mara kolbaan gara isaa fidde. Yesuusille isaan fayyise. Achiin duuba gumiin hedduun Galiilaa irraa, Qachaa qachoota Kudhan jedhamu irraa, Yerusaalem irraa, Yihudaa irraa, Yordaanosiin gamalle'ee isa hordofane. Yesuus yennaa gumii hedduu dhagge, gaaratti ol bayee tee'e; barattooti isaalle gara isaa dhufane. Achiin duuba inni isaan barsiisiisa jalqabee: “Worri le'ii Ayyaanaatiin hiyyeeyyii akka te'ane itti dhage'antu gammaduu; mootummaan Waaqaa ta isaanii ti! Worri gadde gammaduu; Waaqi isaan hin jajjabeessa! Worri ifi gad qabu gammaduu; isaan lafa hin dhaalan! “Worri balchummaa beelotuu fi dheebotu gammaduu; Waaqi isaan hin quussa. Worri namaaf mararfatu gammaduu; Waaqi isaaniif hin mararfata! Worri gadhaa qullu'uu gammaduu; isaan Waaqa hin dhaggan! Worri nageya buusu gammaduu; isaan ijoolee Waaqaa hin jedhaman! Worri balchumma'aaf miidhamu gammaduu; mootummaan Waaqaa ta isaanii ti! “Sababa kiyyaaf jettee yennaa kolbaan isin arrassitee, isin miitee, dharaan gurra isin balleessite gammmada'a. Isaan raagota worra isiniin duraatuu akkasuma miidhane. Gatiin teessan ol-gubba'atti guddoo waan teeteef, gammada'aatii ilillisa'a” isaaniin jedhe. Yesuus itti dabalee, “Isin soodda lafaa ti; ammoo sooddi yoo kuraa ifii dhabe, attam deebi'ee kurawuu dande'a? Alatti gatamee miilaan dhiitama malee, womaa bu'aa hin qabu. “Isin ifa biyya lafaa ti. Qachaan gaara gubba'atti ijaarame dhokatiisa hin dande'u. Eennulle ifa issee, akka nama mana keessa jiru maraaf ifa kennu, waan ifi irra keyamu irra keya malee, gonbisoo jala hin keyu. Akkasuma akka kolbaan hujii dansaa teessan dhaggitee Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiru ulfeessitu, ifi keessan nama duudii duratti ifuu ti” jedheen. “Ani Seeraa fi barsiisa raagotaa diigiisa dhufe hin seyina'a. Ani barsiisa isaanii muummessiisaa dhufe malee, diigiisaaf hin dhunne. Ani dhugumaan isinitti hima, haga ol-gubba'aa fi latti dabartutti Seera keessaa qubeen takkaan, bixxilleen adoo hin muummoyin hin baddu. Tanaaf nami ajajoota kana keessaa ka irra diqqa'aa tokko diigee, akka diiganu namoota barsiisu, mootummaa Waaqaa keessatti ka irra diqqaatu hin jedhama; nami ajajoota kana eegee akka eeganu barsiisu ammoo, mootummaa Waaqaa keessatti guddaa hin jedhama. Ani isinitti hima, balchummaan teessan balchummaa worra barsiisota Seeraatii fi Fariisaayotaa yoo caalte malee, mootummaa Waaqaatitti ijjumaa hin galtanu” isaaniin jedhe. “‘Hin ijjeesin; nami nama ijjeesse mura'aaf dhikaata’ jedhamee worra duriititti akka himameeru dhageettaneertan. Ani ammoo isinitti hima, eennulle sababa malee obboleessa yookiin obboleettii ifiititti yoo mufate mura'aaf dhikaata; obboleessa ifiitiin, “Gowwa'a!” yoo jedhe, kora mura'aa dura dhikaata; obboleessa ifiitiin, ‘Daallee!’ yoo jedhe gara muraa qilee ibiddaa dhikaata. Maarre kennansa keeti Waaqaa dhikeessiisaaf addee ciincaa itti ciincessanutti fiddee, waan obboleessi keeti sitti quuqameeru yoo qaabatte, kennansa keeti achuma addee ciinca'aa duratti lakkisiitii, dhaqii obboleessa keeti woliin araaramii, achiin duuba deebi'iitii kennansa keeti dhikeessi. Nama si himate tokko woliin gara mura'aa adoo ideentuu dafii karaa irratti isa woliin wolii gali. Achi geettee jennaan, abbaan mura'aa ka si hidhutti dabarsee si kennee, ka si hidhu mana hidha'aatitti si galcha. Ani dhugumaan sitti hima, waan sitti murame keessaa saantimiin cadduulle adoo hin hafin haga kaffaltutti ijjumaa hin baatu” jedhe. Yesuus, “ ‘Hin gaarayyeefatin’ akka jedhame dhageettaneertan. Ani ammoo isinitti hima: nami ila halcha'aatiin dubartii ilaale, gadhaa ifii keessatti isii gaarayyeeffateera. Ilti teeti ta middaa yoo cubbuu si hujachiitte, ifi keessaa baasiitii gati; nafi keeti duudiin gara qile'ee gatamu'uu mannaa, nafa keeti keessaa tokko fafoottu si'iif woyya. Harki keeti ka middaa yoo cubbuu si hujachiise, ifi irraa kutiitii gati; nafi keeti duudiin gara qile'ee deemu'uu mannaa, nafa keeti keessaa tokko dhabuu si'iif woyya” jedhe. Ammalle Yesuus, “ ‘Nami niitii lakkisu mara woraqata lakkeessaa barreessee isi'iif kennuu ti’ jedhameeraayyu. Ani ammoo isiniin jedha, yoo isiin gaarayyeffatte malee, nami niitii ifii lakkisu, akka isiin gaarayyeeffattu hin godha; nami isii fuudhelle hin gaarayyeeffata” jedhe. Yesuus, “Ammalle, ‘Dharaan hin kakatina'a; waan Gootta'aaf kakattane ammoo godha'a’ akka worra duriitiin jedhame isin dhageettaneertan. Ani ammoo isinitti hima, ijjumaa hin kakatina'a. Ol-gubbaan barcumaa mootummaa Waaqaa waan teeteef, ol-gubba'aan yookiin, lattille waan ijjata miila isaa teeteef lafaan hin kakatina'a; qachaa mootii gudda'aa waan teeteef Yerusaalemille'een hin kakatina'a. Rifeensa tokkocha adii yookiin gurraacha godhiisa waan hin dandeenneef, mataa keetille'een hin kakatin. Dubbiin teessan ‘Ee’ yoo teete ‘Ee’, yookiin ‘Waawwoo’ yoo teete ‘Waawwoo’ teetuu ti; wonni kana irra caale seexana irraa dhutte” jedhe. “‘Ilti, ilaaf; ilkaan, ilkaaniif’ akka jedhame isin dhageettaneertan. Ani ammoo isinitti hima: nama si yakke haluu hin bayin. Nami tokko yoo boqoo middaa si dhabanaase, taanille itti garagalchi; nami tokko shaamisii teeti fudhatiisaaf barbaadee yoo si himate, kootii teetille kenniif. Nami tokko hunnaan kiloo meetra tokko akka ati woliin deentu yoo si tolche, kiloo meetra lama woliin deemi. Nama si kadhatuuf kenni; nama si irraa liqeeffatiisaaf barbaadu hin dhooggatin” jedhe. Yesuus, “ ‘Ollaa keeti jaalladhu, diinota keeti jibbi’ akka jedhame dhageettaneertan. Ani ammoo isinitti hima: diinota keessan jaalladha'a; worra isin miidhuufille daadimadha'a. Tana yoo gootane ijoollee Abbaa keessan ka ol-gubba'aa hin teetan; inni aduu ifii worra hama'aa fi dansa'aafille hin baasa; worra balchootaa fi balchoota hin te'iniifille hin roobisiisa. Worra isin jaallatu callaa yoo jaallattane, gatii maan qaddan ree? Cubbaaleyyiinuu sanuma godha! Obboleeyyan teessan callaa nageya o'aa yoo fuutane, worra dhibii caalaa isin maan gootane? Worri Yihudoota hin te'inille sanuma godhan! Abbaan keessan ka ol-gubba'aa mijuu akka te'e, isinille mijuu te'a'a” jedhe. Yesuus, “Nami akka isin dhagguuf jettanee hujii dansaa isaan duratti akka hin hunye ifi eeggadha'a! Akkas yoo gootane, Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiru biraa gatii hin qaddanu. “Hiyyeeyyi'iif yennaa arjoontanu, akka worri kijibu kolbaan akka isaan galateeffattuuf, Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessaa fi karaa irratti godhanu, ifi mudhisiisaaf hin godhina'a. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii dhaggataneeran. Ati yennaa arjoontu ammoo, waan harki keeti middichi godhiisatti jiru harki keeti bitaachinuu hin beekin. Maarre arjoom keeti dhossa'aan te'uu ti; Abbaan keeti ka waan ati dhossa'aan tolchitu dhaggu, gatii si'iif hin kenna. “Isin yennaa daadimattanu, akka worra kijibuu hin te'ina'a! Isaan worri dhibiin akka isaan dhagguuf, Galma Waaqaa keessaa fi woldeennaa karaa gugurda'aatitti dhaabbatanee daadimatiisa jaallatan. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii dhaggataneeran. Ati ammoo yennaa daadimattu, gara kolloo teetii seen, balbala cufadhuu, gara Abbaa keeti ka addee dhokatte jiruu daadimadhu. Abbaan keetille, ka waan ati dhossa'aan huju dhaggu, gatii teeti si'iif hin kenna. “Yennaa daadimattanu akka worra Yihudoota hin te'inii, jecha bu'aa hin qanne itti hin deddeebi'ina'a; isaan heddummaa jechoota isaaniitiif, waaqi waan isaaniif dhage'u seyan. Isin ammoo akkka isaanii hin te'ina'a. Abbaan keessan waan isin barbaachisu isin adoo isa hin gaafatinuu hin beeka. “Tanaaf, yennaa daadimattanu, ‘Abbaa keenna ka ol-gubbaa jirtu, Maqaan keeti woyyoomuu; mootummaan teeti dhuttuu; fedhiin teeti akkuma ol-gubba'atti teete, lafalle'etti teetuu. Sagalee guyyuma guyya'aan nuu barbaachittu adha nuu kenni. Akkuma nuuti worra nu yakkuuf araarannu, yakkaa teenna nuu araarami. Hamaalessa irraa nu eegi malee, ataabe'etti nu hin galchin. [mootummaan, hunni, ulfinnille baruma baraan keetuma. Ameen]’ jedha'a. “Yoo isin yakkaa namootaaf araarattane, Abbaan keeessan ka ol-gubbaa jiru isiniif hin araarama. Yoo isin yakkaa namootaaf hin araaramin ammoo, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakka teessan isiniif hin araaramu” jedhe. Yesuus, “Yennaa laantanu, akka worri kijibu tolchu fuula keessan hin addeessina'a. Laamuu isaanii namooti akka dhagganuuf isaan ifi addeessan. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii fudhataneeran. Ati ammoo yennaa laantu, fuula keeti dhiqadhu, mataa keetille iffadhu! Tanaaf laamiisa keeti, Abbaa keeti ka addee dhokatte jiru qofatti beeka malee, worri dhibiin beekuu hin dande'u. Abbaan keetille, ka waan ati dhossa'aan hujju dhaggu, gatii teeti si'iif hin kenna” jedhe. Yesuus dabalee, “Addee qooqqanna'aa fi ciillayiisi balleessutti, hattuulle cassittee seentee hattutti, as lafa tana irratti karra teessan hin kuufatina'a. Ammoo addee qooqqanna'aa fi ciillayiisi dande'ee hin balleessine, hattuulle cassitee seentee hatuu hin dandenne, ol-gubba'atti karra teessan kuufadha'a. Yennaa mara addee karri teessan jirtu gadhaan keessanille jira. Yesuus, “Ilti ifa nafaa ti; ilti teeti fayyaa yoo teete, nafi keeti duudiin ifaalessa hin te'a; ilti teeti fayyaa yoo dhadde ammoo, nafi keeti duudiin dukkana te'a; ifi sitti jiru dukkana yoo te'e, dukkanti attam attam guddattu ree!” jedhe. Yesuus itti dabalee, “Nami tokko garbicha goottolee lamaa te'iisaaf hin dande'u; tokkocha hin jibba, kaan hin jaallata; yookiin tokkocha ulfeessee kaan tuffata. Akkasuma Waaqaa fi beese'eef tajaajiluu hin dande'u” jedhe. “Tanaaf ani isinitti hima, jiruu teessaniif maan nyaanna, yookiin maan unna, yookiin marroo nafa keessanii, maan uffanna jettanee hin yaadina'a. Jiruun sagalee, nafi woyaa hin caaluu? Sinbirroota ilaala'a; isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee gootara'atti hin galachanu; Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota hin caaltanuu ree? Isin keessaa nami yaadiisaan, bara jiruu ifii irratti guyyuma tokkolle ka dande'ee dabalatu jiraa? “‘Marroo woya'aa maaf yaaddan ree? Daraaroti attam akka guddatanu ilaala'a; isaan hin hujatanu yookiin woyaa ifiif hin dhowatanu. Te'uu malee, Solomooniin mootichinuu ulfinna ifii maraan daraarota san keessaa akka tokkochaa woyaa akka hin uffatin isinitti hima. Waaqi marra adha mudhatee, boru ibiddatti gatamu yoo akkas uffise, isin fa'a attam caalchisee uffisuu dhaba ree? Isin worra dhugeeffanaa diqqo'oo! “Maarre, ‘Maan nyaanna?’ yookiin ‘Maan unna?’ yookiin ‘Maan uffanna?’ jedhaa hin yaadina'a; Worri Yihudoota hin te'in yennaa mara yaada waan kanaatiin qabamaneeran. Tun marti akka isinii barbaachittu Abbaan keessan ka ol-gubba'aa hin beeka. Dursa'aatii mootummaa Waaqaatii fi balchummaa isaa barbaada'a; tun martinuu isiniif hin kennanti. Maarre marroo boruutiif hin yaadina'a; guyyaan boru ifiifuu yaaddoo isa gewu qaba. Rakkinni adhaa adhaaf hin geya. Yesuus, “Waaqi akka isinitti hin murre, isin namatti hin murina'a. Muruma isin namatti murtanuun Waaqille isinitti mura; safaraa isin ittiin namaaf safartanutti isinille'eef safarama. “Huura ila obboleessa keetii keessa jiru maaf ilaalta! Jigeessa ila teeti keessaa maaf hin hubanne? Jigeessi ila teeti keessa adoo jiruu, obboleessa keetiin, ‘Huura ila teeti keessaa sii fuudha’ attam jedhuu dandeetta? Ati nama kijiba'a! Dursiitii jigeessa ila teeti keesa jiru fudhadhu; achiin duuba huura ila obboleessa keetii keessa jiru fuudhiisaaf miidhassitee dhagguu hin dandeetta. “Waan Waaqaaf male sarootaaf hin kennina'a; isinitti garagalanee isin ciniinan. Dooqa keessan ka gatii guddoo qabulle booyyota dura hin buusina'a; isaan miilaan irra sirban. Yesuus itti dabalee, “Kadhadha'a, isiniif hin kennanti; barbaada'a, hin dhaggattanille'e; balbala dhodhowa'a isiniif hin bananti. Ka kadhatu hin fudhata, ka barbaadulle hin dhaggata, ka balbala dhodhowuufille hin bananti. Isin keessa ilmi isaa daabboo yoo kadhate, ka dhakaa kennuuf eennu? Yookiin qurxummii yoo kadhate, dhudhuufaa hin kennaafii? Isin adoo worra hamaa teetanuu, ijoollee teessaniif waan dansaa kennuu eega beettanee, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee, worra isa kadhatuuf waan dansaa kennuu dhaba ree! “Waan namooti akka isiniif godhanuuf barbaaddanu isinille akkasuma isaaniif godha'a: Seerri Muuse'eetii fi raagoti kanuma barsiisan. “Karra dhipho'oon seena'a! Karaan gara badi'ii geessu badha'aa; karrille badhoo waan teeteef, worri karra san seenu heddu'u. Karaan gara jiru'uu geessu ammoo qadha'aa; karrille dhiphoo waan teeteef, worri karaa jiru'uu san dhaggatu diqqa'a. Yesuus itti dabalee, “Raagota dharaa irraa ifi eeggadda'a; isaan gubbaa irra hoolota fakkaatanee, gara keessan dhufan; keessi isaanii ammoo yayyii isin butattu. Midhaan isaaniitiin isaan beettan. Midhaan woyni'ii kom'olcha irraa, midhaan harru'uu waaccuu irraa hin guuranu. Akkasuma, muki dansaan midhaan dansaa, muki hamaan midhaan hamaa buusa. Muki dansaan midhaan hamaa buusuu hin dande'u; yookiin muki hamaalle midhaan dansaa buusuu hin dande'u. Muki midhaan dansaa hin buunne martinuu muramee ibiddatti gatama. Tanaaf midhaan isaaniitiin raagota dharaa beettan” jedhe. Yesuus, “Fedhii Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jiruu ka hujutti mootummaa ol-gubba'aatitti gala malee, ka, ‘Gootta'a, Gootta'a’ jedhee na waamu marti hin galu. Guyyaa mura'aa san, namooti hedduun, ‘Gootta'a, Gootta'a! Maqaa keetiin raaga hin dubbannee? Maqaa keetiin durriisota hin baannee? Maqaa keetiin baasota hedduu hin hunyee?’ anaan hin jedhan. Ani ammoo, ‘Ijjumaa isin hin beeku. Isin worra dabaaleyyi'i; ila tiyya duraa deema'a!’ jedhee ifatti isaanitti hima” jedhe. Yesuus, “Nami jecha kiyya dhage'ee hujii irra oolchu namicha qaroo mana ifii rassa irratti ijaarrate tokko fakkaatta. Bokkeenni roobee, lolaan lola'ee, bubbeen bubbittee mana san dhiidde. Manni sun ammoo raassaa irratti waan ijaarameeruuf hin jinne. “Nami jecha kiyya dhage'ee hujii irra hin oolchine namicha gowwaa mana ifii maansa irratti ijaarrate tokko fakkaata. Bokkeenni roobee, lolaan lola'ee, bubbeen bubbittee mana san dhiidde. Manni sunille jigee akka malee butute” jedhe. Yesuus yennaa dubbii tana dubbatee fixe, gumiin barsiisa isaatitti baaseffatte. Inni akka barsiisota isaanii ta Seera Muuse'ee adoo hin te'in, akka nama baallii qabuu tokko isaan barsiise. Yesuus yennaa gaara irraa gad bu'e, gumiin hedduun isa hordotte. Namichi dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru tokkolle gara isaa dhufee, isa duratti jilbiiffatee, “Gootta'a, yoo fedha keeti te'e ana fayyisuu dandeetta” jedhe. Yesuus harka ifii diriissee isa qabee, “Hin fedha, fayyi!” jedheen; yennuma san namichi dhukkuba ifii irraa fayye. Achiin duuba Yesuus, “Beekkadhu! Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii, hayyichatti ifi mudhisi; fayyuun keeti nama maraaf akka dhugaa baya te'u, fayyuu keetiif qodha Muuseen ajaje dhikeessi!” isaan jedhe. Yesuus yennaa qachaa Qifirnaahomii seene, ajajaan dhibbaa tokko dhufee isa kadhatee, “Gootta'a, tajaajilaan kiyya nafa laashowee, dhibamee mana ciisee, rakkataa farriisatti jira” jedhe. Yesuus, “Ani dhufee isa hin fayyisa” jedhe. Ajajaan dhibbaa ammoo, “Gootta'a, ati mana kiyya seeniisaaf ani nama malee moti; afaanuma calla'aan ajaji, mucaan kiyya hin fayya. Aninuu worra baalli qabu jala jira, loltoota ifiin jalatti ajajulle qaba. Isaan keessaa tokkochaan, ‘Deemi!’ yoo jedheen, innille hin deema; kaanille'een, ‘Koy!’ yoo jedheen, innille hin dhufa; tajaajilaa kiyyaan, ‘Kana huji!’ yoo jedheen, innille hin huja” jedhe. Yesuus yennaa tana dhage'e, baaseffatee worra isa hordofuun, “Ani isinitti hima, Israa'el keessatti dhugeeffannaa guddoo akkasii nama qabu tokkochalle hin dhaggine. Ani isinitti hima, biyya lafa duudii irraa karaa aduun baatuu fi seentuu dhufanee, mootummaa Waaqaa keessatti Abrahaam, Yaaqoobii fi Yisihaaq woliin hin nyaatan; worri mootummaa Waaqaa keessa te'uu male ammoo addee itti booyanuu fi ilkaan itti qaranu gara alaa dukkanatti hin gataman” jedhe. Achiin duuba Yesuus ajajaa dhibbaatiin, “Deemi; akkuma dhugeeffanna teetii si'iif teetuu” jedhe. Tajaajilaan ajajaa dhibbaalle sa'aatuma san fayye. Yesuus yennaa mana Pheexroosii dhaqe, haati sodda'aa ta Pheexroosii dhukkuba nafa o'isuun dhibantee taqee irra irkatiisatti jirtuun dhagge. Inni harka isi'ii qabee, o'i nafaa isii lakkinnaan, isiille ol kaatee isaaf areerte. Aduun seenteen duuba, worra durriisotaan qabamane hedduu gara Yesuusii fidane. Innille jecha ifiitiin durriisota baasee, worra dhibame maralle fayyise. Wonni Isaayaasiin raagichi, “Inni dhibee teenna fudhate, dhukkuba keennalle ba'ate” jedhe akka muummottuuf inni tana godhe. Yesuus adaala ifiititti gumii hedduu yennaa dhagge, gara abbaaya'aan gamaa akka bu'anu barattoota ifii ajaje. Barsiisaan Seera Muuse'ee tokko gara isaa dhufee, “Barsiisa'a! Addee ati dhaxxu mara si hordofa” jedheen. Yesuus deebisee, “Jeedalti boolla qaddi; simbirreelle mana qaddi; Ilmi namaa ammoo addee mataa ifii itti irkifatu hin qabu” jedheen. Baratoota isaa keessaa ka dhibiin, Yesuusiin, “Gootta'a, dursee dhaqee abbaa kiyya akka awwaaladhu naa eeyyam” jedheen. Yesuus ammoo, “Ati na hordofi! Du'aan du'aa ifii awwaalatuu ti” isaan jedhe. Yennaa Yesuus hoboloo takka yaabe, barattooti isaalle isa woliin deemane. Dedhuma bubbeen hantuun abbaayaa gubbaa kaatee, hoboloolle danbali'iin lixiisa geette; Yesuus ammoo rafeeraayyu. Barattooti gara Yesuusii dhaqanee dammassanee, “Gootta'a, nu fayyisi! Dhumataarraa!” jedhaneen. Yesuus deebisee, “Isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo, maaf sodaattan?” jedheen. Achiin duuba inni ol ka'ee bubbe'ee fi danbalii ajajee, achitti cadheessi guddaan te'e. Isaan baaseffatanee, “Kun nama attamii ti? Bubbe'ee fi danbaliille hin ajajamaniif!” jedhane. Yesuus abbaaya'aan gamatti bu'ee biyya Gadara'aa yennaa dhufe, namooti durriis keessa jiru lamaan goda awwaalaatii gad itti dhufane; namooti kun haga nami karaa san dabariisa dadhabutti akka malee sodaachisane. Isaan dedhuma, “Yesuus, Ilma Waaqaa, maan nu irraa qadda? Yennaan adoo hin geyin nu farrisiisiisa dhutee?” jedhaa iyyane. Diqquma isaan irraa fago'otti booyoti hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu. Maarre durriisoti, “Ati yoo gad nu baache, booyota sanitti nu ergi” jedhanee Yesuus kadhatane. Yesuus, “Dhaqa'a!” isaaniin jennaan, jara keessaa bayanee booyotatti galane. Booyoti sun martinuu roga qile'ee irraa gad gara abbaaya'aa oriitee liqinfante. Worri booyyota tissanu baqatanee qachaa seenanee, waan te'e maraa fi waan namoota durriis qabeeru irratti te'e achitti odeessane. Achiin duuba namooti qachaa keessaa marti Yesuus dhaggiisaaf gad bayane; isaan yennaa isa dhaggane, biyya isaanii lakkisee akka deemuuf isa kadhatane. Yesuus hoboloo yaabee abbaaya'aan gamatti bu'ee gara qachaa ifii dhufe. Jarri tokko achitti namicha nafi isaa laashowee itillee irra irkateeru tokko gara isaa fidde. Yesuus yennaa dhugeeffannaa isaanii dhagge, namicha nafa laashoween, “Ilma kiyya, jabaadhu! Cubbuu teetiif araarri kennameera” jedhe. Achiin duuba barsiisoti Seera Muuse'ee gariin, “Namichi kun Waaqa faanshessiisatti jira” jedhanee gadhaa ifii keessatti yaadatane. Yesuus yaada isaanii beekee, “Isin maaf waan hantuu akkasii gadhaa keessan keessatti yaadattan? ‘Cubbuu teetiif araarri kennameerra’ jechu'u moo yookiin, ‘Ol ka'ii deem’ jechuu irra kamtuu kaso'o? Ammoo Ilmi namaa cubbuu araaramiisaaf lafa irratti baallii akka qabu akka beettanu” jedhee, namicha laashoweeruun, “Ol ka'i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deem!” jedhe. Namichille ol ka'ee gara mana ifii deeme. Kolbaan yennaa tana dhaggitte baaseffattee, Waaqa baallii akkasii kolba'aaf kenne galateeffatte. Yesuus karaa san dabaruun, namicha qaraxa guuru tokko, ka Maatewoos jedhamu, addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, “Na hordofi” jedheen. Innille ol ka'ee isa hordofe. Yesuus mana Maatewoosiititti nyaata irra jiruun, worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin hedduun isaa fi barattoota isaa woliin nyaatiisaaf tee'ane. Fariisaayoti gariin kana dhagganee, barattoota isaatiin, “Barsiisaan keessan worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin maaf nyaata?” jedhane. Yesuus yennaa kana dhage'e, “Worra dhibameef malee, worri fayyaaleyyi'iif cidheesa hin barbaachisu. Dhaqa'aatii Barreeffama, ‘Ani marartii barbaada malee ciinca'aa moti’ jedhu hiikkaan maan akka te'e qorqora'aatii hubadha'a. Ani cubbaaleyyii waamiisaaf dhufe malee, balchoota waamiisaaf moti” jedhe. Achiin duuba barattooti Yohaannisii cuupha'aa gara Yesuusii dhufanee, “Nuutii fi Fariisaayoti yennaa mara maaf laamaa, barattooti teeti ammoo ijjumaa maaf laamuu dhaban?” jedhanee gaafatane. Yesuus deebisee, “Waajibichi isaan woliin adoo jiruu jaaloti hin gaddanii? Waawwo'o! Guyyaan waajibichi isaan biraa fudhatamu hin dhufa; achiin duuba isaan hin laaman. “Eennulle woyaa haareya woyaa dullatti'itti hin erbu; sababille woyaan haaretti shunturrachiittee qowa duriituu ka caalu gooti. Akkasuma daadhii woyni'ii ta hin bayiin qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu; sababille qalqalluun hin dho'a, daadhiin hin jiddi, qalqalluulle hin bada; daadhiin hin bayin qalqalluu hareyatti naqamuu malte; daadhiille, qalqalluulle hin badanu. Yesuus adoo tana isaanitti dubbatiisatti jiruu, bulchaan Mana Waaqeffannaa Yihudootaa gara isaa dhufee, isa duratti jilbiiffatee, “Intalti tiyya ammuma na duraa duute; ati ammoo koyiitii harka keeti isii irra keyi; isiille deebitee hin jiraatti” jedhe. Yesuus ka'ee barattoota ifii woliin isa faana dhaqe. Dubartiin woggaa kudhanii lamaaf dhiigi isi'ii dhaabbatuu didee rakkataa turte takka isa duubaan dhuttee handaara woyaa Yesuusii tuxxe. Isiin gadhaa ifiititti, “Yoo woyaa isaa callaa tuqe, ani hin fayya” jettee yaadatte. Yesuus garagalee isii dhaggee, “Intala tiyya, jabaadhu! Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti” jedheen; dubartittiille yoosuma fayyite. Achiin Yesuus gara mana bulchaa Mana Waaqeffannaa Yihudootaa yennaa dhaqe, worra suusullee gaddaa afuufuu fi gumii caakkittee boottu dhaggee, “Asii gad baya'a! Intalti rafiisatti jirti malee hin duune” jedhe. Isaan ammoo itti kollane. Gumiin gad baateen duuba, Yesuus gara addee intalti jirtuu seenee harka isi'ii qabe; intaltille ol kaate. Oduun marroo waan kanaa adaala san mara geette. Yesuus achii ka'ee adoo dabariisatti jiruu, namooti ballaan lamaan isa hordofanee, “Ilma Daawwitii, nu marari!” jedhaa iyyane. Inni yennaa mana seene, namooti ballooti sun gara isaa dhikaatane; Yesuusille, “Akka ani kana godhuu dande'u hin dhugeeffattanii?” jedhee isaan gaafate. Isaanille, “Ee, Gootta'a!” jedhaneen. Achiin duuba Yesuus ila isaanii qaqqabee, “Akkuma dhugeeffannaa tessaanii isinii teetuu ti!” jedhe; ilti isaaniille banante. Achiin duuba Yesuus, “Beekkadha'a, waan kana nama tokkolle'etti hin himina'a” jedhee jabeessee isaan ajaje. Isaan ammoo achii bayanee oduu marroo Yesuusii adaala lafa sanii maraan geyane. Namooti ilti babbananteef akkuma achii bayaneen, jarri takka namicha afaan duudeeru ka durriis qabeeru tokko gara Yesuusii fadane. Durriis yennaa keessaa baafame, namichi afaan duudee ture dubbate; kolbaalle baaseffattee, “Waan akkasii kana Israa'el keessatti nuuti ijjumaa dhagginee hin beennu!” jette. Fariisaayoti ammoo, “Inni hunna mooticha durriisotaatiin durriisota baasa” jedhane. Yesuus Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barsiisaa, Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa lallabaa, kolbaa dhukkubaa fi dhibee mara irraa fayyisaa qachootaa fi olloota mara keessa deeddeeme. Inni akka hoolota tissee hin qannee kolbaa raakkattee fi qarqaarsa hin qanne yennaa dhagge nayeef. Yennaa san inni barattoota ifiitiin, “Midhaan haamamu gudda'a; worri haamu ammoo diqqa'a. Tanaaf abbaan midhaanii worra miidaan haamu gara midhaan haamamuu akka ergu daadimadha'a” jedhe. Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan gara ifii waamee ayyaanota hamoota akka baasanu, dhukkubaa fi dhibee mara akka fayyisanu baallii isaaniif kenne. Maqaan ergantoota kudhanii lamaanii asii gad jira: ka matoomaa, Simoon ka “Pheexroos” jedhamee fi obboleessa isaa Indiryaas; ilmaan Zabdewoosii, Yaaqoobii fi obbolessa isaa Yohaannis; Filiphoos, Bartolomewoos, Toomaas, Maatewoosii qaraxa guuru, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoos; Simoonii hinaatticha, Yihudaa nama biyya keriyootii, ka dabarsee Yesuus kenne. Yesuus worra kudhanii lamaan kana erge; qajeefama asii gad jirulle itti kennee, “Gara worra Yihudoota hin te'inii hin dhaqina'a, yookiin qachoota Samaariyya'aa hin seenina'a. Addee akkasii, Worra akka hoolotaa bade gara kolbaa Isra'elii dhaqa'a. Akkuma dhaxxaneen, ‘Mootummaan Waaqaa dhikaateerti’ jedhaa lallaba'a. Dhibamaa fayyisa'a, du'aa kaasa'a, worra dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru fayyisa'a, durriisota baasa'a. Gatii malee fudhattaneertan, gatii malee kenna'a. Marxoo kessatti worqii, meetii yookiin sibiila diimaa hin qabatina'a. Ideemiisa kara'aatiif korojoo, shaamisii lama, yookiin kophee lama, ulee lama hin qabatina'a. Hojjattootaaf wonni isaan barbaachisu kennamuufii malte. Isin gara qachaa yookiin ollaa tokkoo yennaa seentane, nama isin fudhatiisaa te'u tokko barbaada'a, haga addee san lakkittanutti isa bira tura'a. Yennaa mana tokko seentanu, ‘Nageenni isinii te'u’ jedha'a. Worri mana sanii yoo isin fudhate, nageenni keessan isaanii te'u; yoo isaan isin hin fudhatin ammoo, nageenni keessan isinii deebi'u. Eennulle yoo isin fudhatuu dhabe yookiin dubbii teessan dhage'uu dhabe, mana san yookiin qachaa san lakkittanee yennaa baatanu bukuu miila keessanii dhodhowadha'a. Ani dhugaa isinitti hima, guyyaa mura'aa worra qachaa sanii irra worra Sodoomii fi Gomora'aatiif irra kasoo hin teeti. Yesuus itti dabalee, “Ani akka hoolotaa odduu yayyi'ii isin erga; maarre akka bofaa qaroolee, akka saphaliisaa gadhi-laafeyyii te'a'a. Namoota irraa ifi eeggadha'a; isaan gara kora mura'aa dabarsanee isin hin kennan, mana itti wolitti qabamanu keessatti isin hin dhaanan. Sababa kiyyaaf akka isinitti muranu gara bulchitootaa fi moototaa waan geeffantanuuf, isaanii fi worra Yihudoota hin te'in duratti dhugaa baatota tiyya hin teetan. Yennaa isaan dabarsanee isin kennanu ammoo, maan akka jettanu yookiin attam akka dubbattanu hin yaadina'a; yennuma san wonni dubbattanu isiniif hin kennanti. Ayyaana Abbaa keessan ka ol-gubba'aatitti isin keessa jiraatee dubbata malee, isinii moti. “Obboleessi obboleessa ifii, abbaalle ilma ifii du'atti dabarsee hin kenna; ijoolleelle worra ifii irratti hin kaati; hin ijjeesisiittille'e. Sababa kiyyaaf nami marti isin jibba. Nami haga muumme'eetitti ossu ammoo hin fayya. Yennaa isaan qachaa tokko keessatti isin miidhane, gara ka dhibi'ii baqadha'a. Ani dhugumaan isinitti hima, Ilmi Namaa adoo hin dhufiniin dura qachoota Israa'elii mara keessa deentanee hin fixxanu. “Barataan barsiisaa ifii hin caalu, hojjataan hojjachiisaa ifii hin caalu. Barataan akka barsiisaa ifii te'uun, hojjataan akka hojjachiisaa ifii te'uun hin geya. Isaan yoo abbaa manaa, ‘Bi'el Zebul ’ jedhanee waamane worra mana isaa maqaa irra caalaa badaa attamiitiin waamu'uu jiran ree! Maarre nama hin sodaatina'a. Wonni gollame mudhatuu hin ooltu; wonni dhoffame beekkamuu hin ooltu. Waan ani dukkana keessatti isinitti himu, isin ifa guyya'aatiin dubbadha'a. Waan hasaasa'aan dhageettane guutuu manaa irraa lallaba'a. Worra foon namaa ijjeesu, ammoo ka lubbuu ijjeesuu hin dandeenne hin sodaatina'a; irraa caalaa, qilee keessatti lamaanuu foonii fi lubbuulle ka balleessuu dande'u Waaqa sodaadha'a. Simbirrooti didiqqoon lamaan saantimii tokkotti hin gurguramanii motii? Fedhii Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiruutiin malee simbirroota san keessaa takkaalle lafa hin buutu. Isin rifeensi mataa keessaniituu marti laakkowameera. Maarre hin sodaatina'a; isin simbirroota didiqqoo hedduu caalaa gatii qaddan. Yesuus itti dabalee, “Nama duratti ka dhugaa naa bayu duudi'iif, anille Abbaa kiyya ka ol-gubba'aa duratti dhugaa isaaf baya. Ka nama duratti na mormatu duudii ammoo, anille Abbaa kiyya ka ol-gubba'aa duratti isa hin mormadha. Yesuus itti dabalee, “Ani gara biyya lafaa nageya fidiisaaf waan dhufe isinitti hin fakkaatin. Ani goraadee malee, nageya fidiisaaf hin dhunne. Ani ilma abba'aan, intala haadha ifiitiin, niitii ilmaa haadha dhirsa isi'iitiin gargar baasiisaaf dhufeera. Diinoti keessan maatuma teessan keessaa hin te'a. “Nami abbaa ifii yookiin haadha ifii ana caalaa jaallatu anaaf ka malee moti; nami ilma ifii yookiin intala ifii ana caalaa jaallatu anaaf ka malee moti. Nami fannoo ifii ba'atee ana hin hordonne anaaf ka malee moti. Nami jiruu ifii fayyifatuu barbaadu hin dhaba, nami anaaf jedhee jiruu ifii dhabu hin fayyifata. Ka isin fudhatu ana fudhata; ka ana fudhatu ka ana erge fudhata. Ka raagaa tokko waan inni raagaa te'eef fudhatu, gatii raagichaa hin dhaggata. Ka nama balchaa waan inni nama balchaa te'eef fudhatu, gatii balcha'aa hin dhaggata. Dhugaa isiniin jedha, eennulle worra didiqqaa ana hordofu kana keessaa tokkoof, waan inni barataa kiyya te'eef, bisaan unto'oo qabbanaawaa xuuxxoo tokkolle yoo kenne, gatii hin fudhata” jedhe. Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan ajaja itti kennee hobbaasen duuba, addee san lakkisee qachaa adaala sanii keessa lallabiisaa fi barsiisiisaaf dhaqe. Yohaannisiin cuuphaan adoo mana hidha'aa keessa jiruu, waan Kiristoos hujiisatti jiru dhage'ee, barattoota ifii keessaa garii ergee, “Ka hin dhufa jedhame sun si'iiyyu moo ka dhibii eeganna?” jedheen. Yesuus deebisee, “Deebi'a'aatii waan dhageettanee fi waan dhaggitane Yohaannisitti hima'a: Ballaan hin dhagga, naafi hin ideema, ka dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabameeru hin fayya, duudaan hin dhage'a, du'aan hin ka'a, Oduun Gammadaalle hiyyeeyyi'iif hin lallabanti. Nami marroo tiyya mama hin qabaanne attam attam gammada” jedheen. Barattooti Yohaannisii akkuma ideemaneen, Yesuus marroo Yohaannisii kolba'atti akkana dubbatee, “Goomolee keessatti yennaa gara Yohaannisii dhaxxane, isin maan ilaaliisaaf baatane? Shonbooqqoo qilleensi daassuu? Maan ilaaliisaaf baatane? Nama uffana dansaa uffatee? Worri uffana dadansaa uffatu mana moototaa keessa jiran! Maan ilaaliisaaf baatane ree? Raagaa tokko ilaaliisaafii? Ee, ani isinitti hima, isin ammoo ka guddoo raagaa caalu dhaggitane. Inniin kun, ka Barreeffam Woyyichi, ‘Karaa keeti akka si'iin duratti qopheessu, ani ergamaa kiyya si'iin dura erga’ jedhee dubbateeru. Ani dhugaa isinitti hima, nama lafa irratti dhalate keessaa, ka Yohaannisii cuuphaa caaleeru eennulle hin jiru; Mootummaa ol-gubba'aa keessatti ammoo, ka mara caalaa diqqaatu isa hin caala. Bara Yohaannisiin cuuphaan barsiisuu jalqabe irraa ka'ee haga ammaa mootummaan ol-gubba'aa hunnaan dhiibatiisatti jirti; worri itti galiisaaf dhiibatu hin fudhatan. Raagoti duudi'ii fi seerri Muuse'ee haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti raaganeeran. Yoo dubbii isaanii fudhatiisa feetane, Yohaannisiin kun, Eliyaasii hin dhufa jedhame san. Nami gurra qabu dhage'uuti. “Dhaloota kana maaniin wol fakkeessina? Isaan akka ijoollee lafa dikko'oo keessa teteettee woliin, ‘Suusullee isinii afuunne, isin hin sirbine; faaruu awwaalaa isinii faarsine, isin hin gaddine’ jedhanu fakkaattan. Yohaannis adoo sagalee hin nyaatinii fi daadhii woyni'ii hin unin yennaa dhufe, ‘Inni durriisa qaba’ jedhane. Ilmi Namaa nyaataa unaa yennaa dhufe, isaan ‘Ilaa, gadhito'oo fi machowaa, lansa worra qaraxa guuruutii fi cubbaaleyyi'ii ti’ jedhaneen. Te'uu malee, qarummaan Waaqaa, hujii ifiitiin mirkanootteerti” jedhe. Achiin duuba Yesuus worra qachoota bilbaasota ifii inni irra caalaa keessatti huje keessa le'anu, waan isaan cubbuu irraa deebi'uu didaneef komate. “Aanne'e si'iif, Koraaziin! Aanne'e si'iif, Betsayida'a! Bilbaasoti isin keessatti tolfame, adoo Xiroosii fi Sidoon keessatti godhamee jiraatee, silaa kolbaan achii yoosuu uffana gaddaa uffattee, daadhaa ifi irratti firfiffattee bara dheera'aan durattuu cubbuu irraa deebiteertiiyyu. Ani ammoo isinitti hima, guyyaa mura'aa isin caalaa Xiroosii fi Sidooniif irra kosoo teeti. Atille Qifirnaahom, haga gubba'aa ol ifi fuudhuu barbaaddee? Gara qile'ee gad buuta. Bilbaasoti si keessatti godhame, adoo Sodoom keessatti godhamee jiraatee, isiin haga guyyaa adhaa hin turtiiyyu. Maarre ani sitti hima, guyyaa mura'aa san si caalaa worra Sodoomiitiif irra kasoo teeti. Yennaa san Yesuus, “Abba'a, Goottaa ol-gubba'aa fi lafaa! Waan kana mara beekkole'ee fi qaroolee dhossitee, ijoollota didiqqo'otti waan mudhitteef ani si galatoonfadha. Ee, Abba'a, waan kanatti gammaddeerta. Abbaan kiyya waan mara dabarse anatti kenneera; Abbaa qofattuu beeka malee, Ilma ka beeku tokkolle hin jiru, akkasuma Ilma isaatii fi worra Ilmi isaa itti mudhisutti Abbaa beeka malee, Abbaa ka beeku tokkolle hin jiru” jedhe. “Isin worri ba'aa ulfaattuu ba'atee dadhabe marti, gara kiyya kowa'a, ani isin foorfachiisa. Waanjoo kiyya fuudha'aatii ba'adha'a, ana irralle'ee baradha'a; ani nageellichaa fi ka ifi gad qabu; lubbuu teessaniif foora hin dhaggattan. Waanjoon kiyya kaso'o, ba'aan tiyya sallo'o” jedhe. Yennaa san guyyaa Sanbataatiin Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabare; barattooti isaalle waan beelotaneeranuuf, shawwee qamadi'ii kukkutanee nyaatiisa jalqabane. Worri Fariisaayotaa yennaa tana dhagge, “Ilaa, barattooti teeti Guyyaa Sanbataatiin waan seerri hin eeyyanne godhiisatti jirti” Yesuusiin jedhane. Yesuus deebisee, “Daawwitii fi worri isa woliin jiru yennaa beelowane waan inni godhe isin hin dubbinnee? Inni gara mana Waaqaa seenee, daabboo Waaqaaf kennante, hayyoota qofa malee, inni yookiin worri isa woliin jiru nyaatiisaaf ta Seerri dhooggu nyaate. Yookiin hayyooti Guyyaa Sanbatatiin Galma Waaqaa keessatti hujii yoo hujane, yakkaa te'ee akka itti hin lakkowanne, Seera Muuse'ee keessatti isin hin dubbinnee? Ani isinitti hima, ka Galma Waaqaa caalu as jira. Isin ammoo, “Ani marartii barbaada malee, ciinca'aa moti” jechuun maan akka te'e adoo beettanee jiraattanee, worra yakkaa hin qannetti yakkaa itti hin murtanuuyyu. Ilmi Namaa Sanbata irralle'etti Gootta'a. Yesuus addee san lakkisee Mana Waaqeffannaa Yihudootaa seene; namichi harka laashoweeru tokko achi jiraayyu; jarri Yesuus himatiisaaf barbaadde takka, “Guyyaa Sanbataatiin fayyisiis seerumaa?” jettee isa gaafatte. Yesuus deebisee, “Isin keessaa nami hoolee takkaa qabu, guyyaa Sanbataatiin yoo isiin boolla buute, achi keessaa fuudhee alatti hin baasuu? Nami hoolee caalaa gatii guddoo hin qabaatuu ree! Tanaaf guyyaa Sanbataatiin dansaa hujuun Seeruma” jedhe. Achiin duuba Yesuus namicha harka laashoween, “Harka keeti diriirsi” jedheen. Namichille yennaa harka diriirfate, harki fayyee, akkuma harka fayyaalessa kaanii te'e. Fariisaayoti ammoo gad bayanee, attamiin akka isa ijjeesanu mala isatti dhowane. Yesuus yennaa tana beeke, addee san lakkisee deeme. Gumiin hedduulle isa hordotte, innille worra dhibame mara fayyisee, marroo isaa eennulle'etti akka hin dubbanne isaan ajaje. Kunille ka raagicha Isaayaasiin raagame akka muummowuuf te'e; wonni raagameelle, “Kunoo, tajaajilaan kiyya, ka ani filadhe, jaallatamaa kiyya, ka luubbuun tiyya guddoo itti gammadde. Ayyaana kiyya isa gubbaa hin keya, innille worra Yihudoota hin te'iniif muraa dhuga'aa hin lassa. Inni hin moromu yookiin hin iyyu, yookiin eennulle karaa keessatti qoonqoo isaa hin dhage'u. Inni haga muraa dhuga'aa injifachiisutti leemmee caddee haanxottelle hin cassu; yookiin ifa kululu hin dhaanfu. Worri Yihudoota hin te'inille addii isatti hin godhatan” jedhe. Achiin duuba namicha ballaa dubbatee hin dandeenne ka ayyaanni hamaan qabeeru tokko gara Yesuusii fidane; Yesuus isa fayyise, maarre namichi dubbatiisaa fi dhaggiisa dande'e. Gumiin marti baaseffattee, “Inni Ilma Daawwitii te'inaa?” jette. Worri Fariisaayotaa ammoo yenna tana dhage'ane, “Inni hunna Bi'el Zebulii mooticha durriisotaa calla'aan durriisota baasa” jedhane. Yesuus yaada isaanii beekee, “Mootummaan takka gargar ifi qoqooddee ta wol loltu yoo teete hin jiddi, qachaan yookiin maatiin takka gargar ifi qoqooddee ta wol loltu yoo teete hin dhaabbatu. Seexannille Seexana yoo baase, inni ifi qoqooda; mootummaan isaa attamiin dhaabbatti ree? Ani hunna Bi'el Zebuliitiin yoo durriisa baase, hordofattooti teessan hunna eennuutiin durriisota baasan? Tanaaf hordofattooti teessanuu isinitti hin muran. Ani ammoo Ayyaana Waaqaatiin yoo durriisa baase, mootummaan Waaqaa gara keessan dhutteerti. “Yookiin namicha jabaa dursee hidhu malee, attamiin nami tokko mana namicha jaba'aa san seenee karra isaa saamuu dande'a? Eega isa hidhe mana isaa saamuu dande'a. Eennulle ka golii tiyya hin te'in na moroma, nami na woliin wolitti hin qanne hin bittinneessa. Tanaaf ani isinitti hima, Waaqa faanshessiisaa fi cubbuu maraaf nami araara hin dhaggata, nami Ayyaana Woyyicha faanshessu ammoo araara hin dhaggatu. Nami Ilma Namaatiin moromee wo jedhu araara hin dhaggata, nami Ayyaana Woyyichaan moromee wo jedhu ammoo, bara kanalle'etti te'ee bara dhufu'uu jirulle'etti araara hin dhaggatu. “Muki midhaan isaatiin waan beekkamuuf, miidhaan dansaa akka qabaattanuuf, muka dansaa qabaadha'a; muka badaa yoo qabaattane midhaan badaa hin qabaattan. Isin ilmaan buuti'ii! Isin hamoolee adoo teetanuu, attamiin waan dansaa dubbatiisa dandeettan? Waan gadhaa guute afaan dubbata. Nami dansaan waan dansaa gadhaa ifii keessaa waan dansaa baasa; nami hamaalle waan hantuu gadhaa ifii keessaa waan hantuu baasa. Ani isinitti hima, guyyaa mura'aa dubbii gadhee afaan keessanii baate maraaf deebii kennitan; Dubbuma teessaniin isiniif muranti, dubbuma teessaniin isinitti muranti” jedhe. Achiin duuba barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti gariin, “Barsiisa'a, nuuti akka ati beessisa nu dhaggisiittu barbaanna” jedhaneen. Yesuus ammoo deebisee, “Dhalooti hama'aa fi gaarayyeeffataan beessisa gaafata, ammoo beessisa Yoonaasii raagichaa malee beessisi dhibiin hin kennamuuf. Akkuma Yoonaasiin raagichi halkan sadii fi guyyaa sadiin gadhaa qurxummii guddichaa keessa ture; maarre Ilmi Namaalle halkan sadii fi guyyaa sadiin awwaala keessa hin tura. Kolbaan qachaa Nanawwe'ee guyyaa mura'aa dhaloota kana woliin kaatee itti murti, sababille lallaba Yoonaasiitiin cubbuu irraa deebiteerti; kunoo, ka Yoonaas caalu as jira! Mootittiin kibbaa qaccee biyya lafaatii qarummaa solomoonii caqasiisaaf waan dhutteef, guyyaa mura'aa dhaloota kana woliin kaatee itti murti, kunoo ka Solomoon caalu as jira! Yesuus, “Ayyaanni hamaan nama keessaa yennaa bayu, addee itti foorfatu barbaadatiisaaf lafa bisaan hin jirre keessa deddeebi'a, ammoo hin dhaggatu. Achiin duuba, ‘Ani mana kiyya ka keessaa bayetti deebi'a’ jedha. Yennaa deebi'u, manni duwwaa te'ee, haxowaamee, qophaayeeruun dhagga. Achiin duuba Ayyaanni hamaan sun Ayyaanota hamoota torba ka isa caalaa hamoota te'ane dhaqee fida; isaanille itti galanee achi le'an; haalli nama sanii ka durii caalaa ka duubarraa kun itti hammaata. Maarre dhaloota hamaa kana irralle'etti akkanuma hin te'a” jedhe. Adoo Yesuus gumi'itti dubbatiisatti jiruu, haadhaa fi obboleeyyan isaa, isa dubbisiisaaf barbaadanee ala dhaabbataneeraniiyyu. [ Yennaa san nami tokko Yesuusiin, “Kunoo, haati teetii fi obboleeyyan teeti si dubbisiisaaf barbaadanee ala dhaabbatiisatti jiran” jedheen.] Yesuus deebisee, “Haati tiyyaa eennu, obboleeyyan tiyyalle eennu fa'a?” jedheen. Achiin duuba gara barattoota ifii harkaan akeekee, “Kunoo ti! Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya! Nami fedhii Abbaa kiyya ka ol-gubba'aa godhu marti obboleessaa fi obboleettii tiyya, haadha tiyyalle'e” jedhe. Guyyuma san Yesuus manaa bayee dhaqee abbaayaa Galiila'aa bira tee'e. Gumiin hedduun isa biratti wolitti qabannaan, inni hoboloo takka keessa seenee barsiisiisaaf tee'e; kolbaan hedduulle qarqara abbaaya'aa dhaabbatteertiiyyu. Inni mammaassaan waan hedduu isaanitti humu'utti ka'ee, “Caqasa'a! Nami tokko sanyii facaasiisaaf baye. Inni adoo facaasuu, sanyiin gariin karaa keessa harcaate, sinbirreelle dhuttee qocattee nyaatte. Sanyiin dhibiin lafa dhakittii, addee biyyee guddoo hin qanne irra buute; biyyee gad fago'oo waan hin qanneef ariifattee muute. Yennaa aduun itti baate ammoo qoorte; hidda gad fagaate waan hin qanneef godde. Sanyiin gariin qoree keessa buute, qoreelle guddattee isii hute. Sanyiin dhibiin biyyee dansaa irra buute, gariin midhaan dhibba, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan soddama buutte. Nami gurra qabu dhage'uu ti!” jedhe. Achiin duuba barattooti gara Yesuusii dhufanee, “Ati maaf mammaassaan kolba'atti dubbatta?” jedhane gaafatane. Yesuus deebisee, “Dhossaa mootummaa Waaqaa akka beettanu isiniif kennanteerti, isaaniif ammoo hin kennanne. Ka qabuuf, itti dabalantee hin kennantiif, bacaalle hin qabaata; ka wo hin qanne ammoo, wonni inni qabuuyyuu isa irraa hin fudhatanti. Wonni ani mammaassaan isaanitti dubbadhuuf, isaan adoo ilaalaanuu hin dhagge'anu, adoo caqasanuu hin dhage'anu, yookiin hin hubatanu. Maarre raagi Isaayaas dubbatte isaan irratti muumoweera; wonni raagamelle, ‘Isin hin caqattan hin caqattan, ammoo hin hubattanu, hin ilaaltan hin ilaaltan, ammoo ijjumaa hin dhaggitanu, qalbiin isaanii waan sigiddeef, gurri isaanii hin dhage'u, ilti isaanii dunuunfatteerti, maarre isaan ila isaaniitiin hin ilaalanu, gurra isaaniille'een hin caqasanu, qalbii isaani'iitille'een hin hubatanu, hin deebi'anulle'e, anille silaa isaan hin fayyisaayyu’ jedhe. Ammoo ilti teessan waan dhaggituuf, gurri keessanille waan dhage'uuf isin ka badhaatane. Ani dhugaa isinitti hima, raagoti heddu'uu fi kolbaan balchooti hedduun waan isin dhaggitane dhaggiisaaf halchanee, ammoo hin dhaggine, waan isin dhageettane dhage'iisaaf halchanee, ammoo hin dhageenne. Yesuus itti dabalee, “Hiikkaa namicha sanyii facaasuu maan akka te'e dhage'a'a. Nami jecha mootummaa Waaqaa dhage'ee hin hubatin, akka sanyii karaa keessatti facaafantee ti. Hamaalessi dhufee waan gadhaa isaa keessatti facaafame butata. Sanyiin lafa dhakittii irratti facaafante, nama jecha dhage'ee yoosuma gammadaan fudhatu; Te'uu malee inni hidda hin qabu, yennaa qofaaf jabaata malee, sababa jechaatiif yennaa rakkoon yookiin miidhaan kaatu, inni yoosuma gufata. Sanyiin qoreelee odduu buute sun nama jecha dhage'u, ammoo yaaddoon lafa tanaatii fi jaalalli durumma'aa jecha hudha, midhaanille hin buusu. Sanyiin biyyee dansaa irra buute ammoo, sun nama jecha dhage'ee hubatu, ka dhugumaan midhaan buusu, tokkochi midhaan dhibba, ka dhibiin midhaan jaatama, ka dhibiille midhaan soddoma buusan. Yesuus mammaassa dhibii isaanitti mammaakee, “Mootummaan ol-gubba'aa nama fichaa ifii keessatti sanyii dansaa facaase tokkoon wol fakkaatti. Yennaa nami marti rafe ammoo, diinni dhufee odduu qamadi'iititti jigidaa facaasee deeme. Yennaa qamadiin lattee midhaan buutte, jigidaalle mudhate. Tajaajiltooti abbaa ficha'aalle dhufanee, ‘Gootta'a, fichaa keeti keessatti sanyii dansaa hin facaannee? Jigidaan kun eessaa dhufe ree?’ jedhaneen. Inni deebisee, ‘Kana ka godhe diina’ jedhe. Tajaajiltooti deebisanee, ‘Nuuti dhandhee akka bubuqqinnu barbaaddaa ree?’ jedhaneen. Inni ammoo deebisee, ‘Waawwo'o; jigidaa buqqisiisa irratti qamadii woliin buqqittan. Haga yennaa haamma'aatitti jigida'aa fi qamadiille wolumaan guddatanuuti; yennaa haamma'aa, ani worra haamuun, akka gubamuuf dursa'aatii jigidaa buqqisa'aa laddee ladde'een hidha'a, qamadii ammoo gootaraa kiyyatti galcha'a’ jedhaan” jedhe. Yesuus mammaassa dhibii isaanitti mammaakee, “Mootummaan Waaqaa midhaan sanaaficci'ii ka nami tokko fuudhee fichaa ifii keessatti facaase fakkaatti; midhaan isi'ii midhaan mara caalaa diqqaata, yennaa guddatte ammoo waan ficha'atti facaame mara caaltee muka teetee, sinbirreen dhuttee dameelee isi'ii keessatti mana ifii ijaarratti” jedhe. Yesuus ammalle mammaassa dhibii isaanitti mammaakee, “Mootummaan Waaqaa uukoo dubartiin takka fuutee bullaa safartuu sadiin wolitti mattee, bullaa san mara bukeessitu fakkaatti” jedhe. Yesuus mammaassaan waan kana mara gumi'itti dubbate; mammaassaan male waan tokkolle isaanitti hin dubbanne. Wonni raagaan, “Mammaassaan afaan saaqadha; dadama biyya lafaatii jalqabee waan dhokate dubbadha” jedhe tanaan muumotte. Achiin duuba Yesuus gumii lakkisee mana seene. Barattooti isaalle gara isaa dhikaatanee, “Mammaassa jigidaa fichaa qamadi'ii keessaa nuu hiiki” jedhaneen. Yesuus deebisee, “Ka sanyii dansaa facaasu Ilma Namaa ti; fichaan biyya lafaa ti; sanyiin dansaan ijoollee mootummaa Waaqaa ti; jigidaan ijoollee hamaalessaa ti; diinichi jigidaa facaase Seexana; haammaan muummee biyya lafaa ti; worri haamu ergantoota Waaqaa ti. Akkuma jigidaan wolitti qabamee ibiddaan gubamu, muummee biyya lafaalle'etti akkasuma hin teeti. Ilmi Namaa ergantoota ifii hin erga; isaanille worra sababa cubbu'uu te'ee fi worra hantuu huju mara mootummaa isaa keessaa wolitti qabanee, addee isaan booyaa ilkaan itti qaranu, qilee ibiddaatitti isaan gatan. Balchooti ammoo mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka adu'uu hin ifan. Nami gurra qabu dhage'uu ti! Yesuus, “Mootummaan ol-gubba'aa karra fichaa keessatti dhoffante, ta nami tokko dhaggee deebisee dhosse fakkaatti; achiin duuba gammadaan deemee waan qabu mara gurguree fichaa san bitate. “Ammalle, mootummaan ol-gubba'aa daldalticha dooqa dansaa bitatiisaaf barbaadu fakkaatti; daldaltichi dooqa gatii gudda'aa tokko yennaa dhagge, dhaqee waan qabu mara gurguree dooqa san bitate. “Ammalle, mootummaan ol-gubba'aa caccoo qurxummi'ii ta abbaaya'atti afanee qurxummii adda addaa duudii qadde fakkaatti; caccoon yennaa guutte, isaan gara cina'aa harkisanee, gad tee'anee, qurxummii dadansaa saaxaraa keessa keyatanee, babadduu ammoo gatane. Yennaa muummee biyya lafaalle akkasuma hin teeti. Ergantooti Waaqaa dhuttee worra hamoota worra balchoota irraa gargar baattee, addee isaan booyaa ilkaan itti qaranu, qilee ibiddaatitti hin qolaansan” jedhe. Yesuus, “Kana mara hubattaneertanii?” jedhee isaan gaafate. Isaan deebisanee, “Ee” jedhane. Innille isaaniin, “Tanaaf barsiisaan Seeraa ka mootummaa ol-gubba'aatiif leenji'e, abbaa manaa ka meya mana ifii keessaa waan haareyaa fi waan dullattii gad baasu fakkaata” jedhe. Yesuus yennaa mammaassa kana fixate, addee san lakkisee deeme. Inni gara biyya ifii dhufee Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barsiise. Worri isa dhage'elle baaseffatanee, “Namichi kun qarummaa tana eessaa dhaggate, bilbaas kunille maan?” jedhane. Kun ilma namicha muka bocuutii motii? Haati isaa Maariyaam jedhantii motii? Obboleeyyan isaalle Yaaqoobii fi Yoseef, Simoonii fi Yihuda'aa motii? Obboleettoti isaalle martinuu nu woliin jiranii motii? Inni waan kana mara eessaa dhaggate? Tanaaf isaan isa tuffatane. Yesuus ammoo isaaniin, “Raagaan tokko addee dhibi'itti malee, biyya ifiitii fi mana ifii keessatti ulfinna hin dhaggattu” jedhe. Sababa dhugeeffatiisa dhaba isaaniitiif, inni bilbaasota hedduu achitti hin hojjanne. Yennaa san Heroodisiin bulchaan biyya Galiila'aa, gurra Yesuusii dhage'ee, tajaajiltoota ifiitiin, “Kun Yohaannisii cuupha'a; isatti du'a keessaa ka'eera, kanaaf hujiin bilbaasaa tun isaan hujatamiisatti jirti” jedhe. Heroodis sababa Herodiyaasii niitii obboleessa ifii ta Filiphoosiitiif jedhee, Yohaannis qassiisee mana hidha'aatitti hiisiseeraayyu. Yohaannis Heroodisiin, “Niitii obboleessa keetii fuudhuun sii seeraa moti” jedheeraaniiyyu. Heroodis, Yohaannis ijjeesiisaaf barbaade, ammoo kolbaan akka raaga'aatitti waan ilaalteertuuf sodaate. Guyyaan dhaloota Heroodisii ulfeeffamuu yennaa geye ammoo, intalti Heroodiyaasii keessummoota duratti sirbitee, Heroodis guddoo gammachiitte. Tanaaf Heroodis isi'iin, “Waan ati na gaafattu mara si'iif hin kenna” jedhee waadaa galeef. Isiin Haadha ifiitiin gorfantee, “Ammuma maataa Yohaannisii cuupha'aa qori'itti naa kenni” jette. Mootichi gadde; te'uu malee kakuu ifiitii fi keessummaa ifii duratti waadaa galeef jedhee, mataan Yohaannisii akka isi'iif kennamu ajaje; Ittille ergee, mana hidha'aa keessatti mataa Yohaannisii irraa kuchisiise. Mataan sun qori'itti fidamee intalaaf kenname; isiin gara haadha ifii fidde. Barattooti Yohaannisii dhufanee reeffa isaa fuudhanee awwaalane; achiin duuba dhaqanee Yesuusitti himane. Yesuus du'a Yohaannisii yennaa dhage'e, addee san lakkisee qofuu hobolo'oon addee qoommi'ii dhaqe. Kolbaan deemuu isaa yennaa dhageette ammoo, qachaa keessaa baatee miilaan isa hordotte. Yesuus qarqara abbaaya'aatitti hoboloo irraa bayee, yennaa gumii guddoo dhagge, isaaniif nayee dhibamoota isaaniille fayyise. Yennaa latti galgalootte, barattooti dhufanee, “Addeen tun urma, lattille dhiiteerti; gumiin tun gara ollootaa dhaxxee sagalee akka bitattu gumii tana gad lakkisi!” jedhaneen. Yesuus ammoo, “Dhaquu isaan hin barbaachisu; isinuu waan nyaatanu kenna'aaf!” jedhe. Isaan deebisanee, “Nuuti xaltaa shanii fi qurxummii lama qofa asii qanna” jedhane. Yesuus, “Sanuma gara kiyya as fida'a!” jedhe. Achiin duuba inni gumiin marra irra akka teettu ajaje. Xaltaa shanii fi qurxummii lama fuudhee, gara ol-gubba'aa ilaalee, galateeffatee xaltaa caccassee, barattootatti kennee, barattootille gumi'iif kennane. Isaan martinuu nyaatanee quufane; hanbaa irraa hatte, kollonjoo kudhanii lama guutuu fuudhane. Worri nyaate dubarti'ii fi ijoolleen adoo hin laakkowamin, dhiirti gara kuma shanii ti. Yennuma san inni adoo gumii geegessuu barattooti hoboloo yaabbatanee abbaayaa gamatti isaan dura akka bu'anu godhe. Yesuus gumii geegesseen duuba, daadimatiisaaf qofuu gara gaaraa ol baye. Yennaa galgalootte, inni qofuu achi jiraayyu; yennaa san hoboloon ammoo, qilleensi waan itti dhowuuf, qarqara irraa fagaattee, danbali'iin asii fi achi dadarbante. Halkan gara iyya lukku'uu ta lammeeso'ootitti Yesuus bisaan gubbaa ideemaa gara barattoota ifii dhufe. Barattooti yennaa bisaan gubbaa ideemuun isa dhaggite ammoo, bararaxxee, “Kun ekera'a” jettee soda'aan iyyite. Yennuma san ammoo Yesuus, “Jabaadha'a! Wonni anaa, hin sodaatina'a!” jedhee dubbate. Pheexroos deebisee, “Gootta'a, yoo si teete, bisaan gubbaa gara keeti akka dhufu na ajaji” jedheen. Yesuus deebisee, “Koy!” jedhe. Maarre Pheexroos hoboloo keessaa bayee, gara Yesuusii, bisaan gubbaa ideemiisa jalqabe. Qilleensa jabaa yennaa dhagge ammoo, sodaatee, lixiisaafille jalqabee jennaan, “Gootta'a, na fayyisi!” jedhee iyye. Yesuus yennuma san harka ifii diriirsee, isa qabee, “Ati nama dhugeeffannaa diqqo'oo! Maaf mante?” jedheen. Yennaa Yesuusii fi Pheexroos hoboloo yaabane, qilleensi cadhise. Worri hoboloo keessaa, “Dhugumaan ati Ilma Waaqaa ti” jedhee Yesuusiif sagade. Yesuusii fi barattooti isaa yennaa gamatti bu'ane, lafa Genesaarex jedhantu geyane. Kolbaan lafa sanii Yesuus beetteen duuba, adaala san mara keessa ergaa ergitee worra dhibameeru mara gara isaa fichisiittee, handaaruma woyaa isaalle akka isaan tuqanu kadhatte; worri tuqe martinuu fayye. Achiin duuba Fariisaayotaa fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yerusaalemii gara Yesuusii dhufanee, “Barattooti teeti maaf aadaa maanguddo'oo ulfeessuu dhaban? Isaan nyaatiisaan dura harka ifii hin dhiqatanu!” jedhaneen. Yesuus deebisee, “Isin aadaa teessaniif jettanee maaf Seera Waaqaa ulfeessuu dhaddan? Waaqi, ‘Abbaa keetii fi hadha teeti ulfeessi’, ‘Nami Abbaa yookiin haadhaa abaaru dhugumaan du'uu qaba’ jedhee ajajeera. Isin ammoo nami tokko abba'aan yookiin haadhaan, ‘Gargaarsi isin na biraa dhaggataa turtane Waaqaaf kennameera’ yoo jedheen, inni abba'aa fi [haadha ifii] ulfeessuu hin barbaachisu’ jettan, aadaa teessaniif jettanee, Seera Waaqaa balleessitan. Isin kijiboole'e! Isaayaas marroo tessaniif raagee, ‘Kolbaan tun afaaniin na ulfeessiti, gadhaan isi'ii narraa fago'o; kolbaan tun ajaja namaa akka seera Waaqaatitti barsiisaa, akkasumaan na waaqonsiti’ ta jedhe dhuga'a” jedhe. Achiin duuba Yesuus gumii gara ifii waamee, “Caqasa'aatii hubadha'a: wonni nama batteessu waan afaan namaa keessaa bawu malee, waan gara afaan namaa seenuu moti” jedheen. Achiin duuba barattooti itti dhikaattee, “Worri Fariisaayotaa waan ati jette yennaa dhage'ane akka gufatane beettaa?” jedhaneen. Yesuus deebisee, “Wonni Abbaan kiyya ka ol-gubba'aa hin dhaabin marti hin buqqaati” jedheen. Waan isaanii lakkisa'a; isaan ballaa ballaa sooressu. Ballaan yoo ballaa sooresse, lamaanuu boolla keessa bu'an” jedhe. Pheexroos ammoo deebisee, “Mammaassa kana nuuf hiiki” jedheen. Achiin duuba inni, “Isinille haga ammaa hin hubatin jirtanii? Wonni afaaniin seenu martinuu, gadha'atti dabaree, nafa namaa keessaa akka bawu isin hin hubattanuu? Wonni afaan namatii bawu ammoo gadhaa irraa dhufa, wonni nama batteessulle kana. Sababille Yaadi hamaan, ijjeesuun, gaarayyeeffatuun, sagaagaluun, hatuun, dharaan dhugaa bawuun, maqaa namaa balleessuun gadhaa namaa keessaa baya. Wonni nama batteessu kana malee, harka hin dhiqatiniin nyaatiisi nama hin batteessu” jedheen. Yesuus addee san lakkisee gara qachoota Xiroosiitii fi Sidoonii dhaqe. Achiin duuba dubartiin biyya Kana'aanii takka adaala sanii dhuttee, “Ilma Daawwitii, Gootta'a! Intalti tiyya durriisaan qabantee farriisatti jirtii, naa marar” jedhaa iyyite. Inni ammoo womaa isi'iif hin deebinne. Barattooti isaalle dhufanee, “Isiin iyyaa nu gula waan deentuuf, isii ifi irraa geegessi!” jedhaa isa kadhatane. Yesuus deebisee, “Ani worra akka hoole'ee bade kolbaa Israa'elii qofaaf ergame” jedheen. Dubartittiin ammoo dhuttee isa duratti jilbiiffattee, “Gootta'a, na gargaar” jetteen. Yesuus deebisee, “Sagalee ijoolle'ee fuudhanee sare'eef qolaansuun sirri'ii moti” jedheen. Isiin deebittee, “Ee, Gootta'a, te'uu malee sareelle woma qorii goottaa isaanii irraa harca'u nyaatti” jette. Achiin duuba Yesuus deebisee, “Dubartii tana, dhugeeffannaan teeti guddo'o! Akkuma halchaa teetii sii teetuu” jedheen. Intalti isi'iille yoosuma fayyite. Yesuus achii deemeen duuba, cinaa abbaayaa Galiila'aatiin dabaree, gaaratti ol bayee achi tee'e. Gumiin guddoon worra fafoye, worra ballaa, worra naafa, worra dubbatuu hin dandeennee fi worra dhibii hedduu fiddee gara isaa dhuttee, miila Yesuusii jala keette. Innille isaan fayyise. Maarre gumiin worri dubbatee hin dandeenne dubbatuun, fafooti fayyanuun, naafoti ideemanuun, ballooti dhagganuun yennaa dhaggite baaseffatte. Waaqa Israa'eliille galateeffatte. Achiin duuba Yesuus barattoota ifii gara ifii waamee, “Kolbaan tun guyyaa sadiin waan na woliin turteef, waan nyaattulle waan hin qanneef gaddeeraaf; karaa irratti waan gaggadduuf, beelaan jiranuun isaan geegessuu hin barbaadu” jedheen. Barattooti, “Lafa goomole'ee tana keessatti sagalee gumii guddoo tana areeriisaaf geettu eessaa fuuna?” jedhaneen. Yesuus, “Xaltaa meeqa qaddan?” jedhee gaafate. Isaan, “Xaltaa torbaa fi qurxummii didiqqoo diqqoo takka qanna” jedhaneen. Maarre Yesuus akka gumiin lafa irra gad teteettu ajaje. Achiin duuba xaltaa torbaa fi qurxummii fuudhee, Waaqa galateeffateen duuba, caccassee barattootatti kenne; barattootille kolba'aaf kennaane. Isaan martinuu nyaatanee quufane; barattooti hambaa hatte kollonjoo torba guutuu fuudhane. Worri sagalee san nyaate, dubartootaa fi ijoolleen adoo hin laakkowamin dhiira kuma afur. Yesuus gumii san geegesseen duuba, hoboloo yaabee gara lafa Magadaan jedhantu dhaqe. Worri Fariisaayotaatii fi worri Saduqootaa dhufanee, Yesuus haga ilaaliisaaf beessisa tokko ol-gubbaa irraa akka itti mudhisu isa gaafatane. Inni deebisee, “Yennaa galgalaa, ‘Gubbaan waan diimatteertuuf, haalli qilleensaa dansa'a’ jettan; bariille, gubbaan waan diimattee dukkudhootteertuuf, adha hin rooba’ jettan. Bifa gubba'aa ilaaltanee attam akka te'u himuu hin beettan, beessisa baraa ammoo attam akka te'u himuu hin dandeettanu. Dhalooti hama'aa fi Waaqaaf hin addatanne beessisa barbaada; ammoo beessisa Yoonaasii malee, beessisi hin kennamuuf” isaaniin jedhe. Achiin duuba Yesuus isaan lakkisee deeme. Barattooti yennaa abbaaya'aan gamatti bu'ane, daabboo tokkolle fidatiisa dedhaneeran. Yesuus, “Ilalladha'a! Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eegadha'a” isaaniin jedhe. Isaan wol woliin, “Waan nuuti daabboo fidatiisa dhanneef akkas jedha” jedhane. Yesuus yaada isaanii beekee, “Isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo, marroo daabboo fidatiisa dhabiisaa maaf dudubbattan? Isin ammalle hin hubattanuu? Xaltaa shanan namoota kuma shaniif geyee, hambaa kollonjoo meeqa akka fuutane hin qaabattanuu? Yookiin xaltaa torba namoota kuma afuriif geyee kollonjoo meeqa akka fuutane hin qaabattanuu? Marroo daabbo'oo akka ani hin dubbatin attam hubatuu dhaddan? Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eegadha'a!” isaaniin jedhe. Achiin duuba barattooti akka Yesuus uukoo daabbo'oo irraa adoo hin te'in, barsiisa Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eeggachise hubatane. Yesuus gara lafa qachaa Qisaariyaa Philiphoosii bira yennaa dhaqe, barattoota ifiitiin, “Kolbaan Ilma Namaatiin eennu jetti?” jedhee gaafate. Isaan deebisanee, “Gariin, ‘Yohaannisii cuupha'a’ si'iin jedhan, worri dhibiin ammoo, ‘Eliyaas’ si'iin jedhan, worri dhibiille, ‘Ermiyaas yookiin raagota keessaa tokko’ si'iin jedhan” jedhaneen. Inni deebisee, “Isin hoo eennu anaan jettan?” isaaniin jedhe. Simoon Pheexroos deebisee, “Ati Masiihi'i, Ilma Waaqa jiraata'aa ti” jedhe. Yesuusille deebisee, “Ilma Yoona'aa Simoon, ati ka badhaate! Kana Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jirutti sitti mudhise malee, namaa moti. Maarre Pheexroos, ani sitti hima, ati rassa'a; rassaa kana irratti wolde'a kiristaanaa kiyya hin ijaara; hunna du'aalle wolde'a kiristaanaa kana hin injifattu. Ani furtuu mootummaa ol-gubba'aa si'iif hin kenna, wonni ati lafa irratti hiite, ol-gubbaalle'etti ka hidhame te'a, wonni ati lafa irratti hiittelle ol-gubbaalle'etti ka hiikame te'a” jedhe. Achiin duuba Yesuus Masiihii akka te'e eennulle'etti akka hin hinne jabeessee barattootata ifii ajaje. Yennaa sanii jalqabee Yesuus barattoota ifiitiin, “Ani gara Yerusaalemii dhaquu qaba; achitti harka jaarsole'eetitti, harka mootota hayyootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti guddoo hin rakkadha, hin ijjeeffamalle'e; guyyaa sadeesso'oo ammoo hin ka'a” jedhu'utti ka'e. Pheexroos cina'atti isa baasee, “Gootta'a, Waaqi si hanqisu! Wonni kun ijjumaa si hin dhaqqabin” jedhaa isa xixuu jalqabe. Inni ifi irra garagalee, Pheexroosiin, “Seexana, ana irraa bayyadhu! Qalbiin teeti waan namaa malee, waan Waaqaa waan hin yaadaneef, ati anaaf gufu'u” jedheen. Achiin duuba Yesuus barattoota ifiitiin, “Nami yoo na hordofuu barbaade ifi mormatee, fannoo ifii ba'atee na hordofuuti. Nami jiruu ifii fayyifatuu barbaadu hin dhaba; nami anaaf jedhee jiruu ifii dhabu, hin dhaggata. Nami waan lafa tanaa mara qabaatee lubbuu ifii ammoo yoo dhabe maan isaa baati? Yookiin nami wodoo lubbuu ifiitiif gatii maan kaffalu'uu dande'a ree? Ilmi Namaa ulfinna Abbaa ifiitiin ergantoota ifii woliin hin dhufa; achiin duuba tokko tokkoofuu akka hujii isaatitti gatii hin kennaaf. Ani dhugumaan isinitti hima, worra as dhaabbatanu keessaa, Ilmi Namaa mootummaa ifiitiin dhufuun haga dhagganutti, namooti hin duune jiran” jedhe. Guyyaa jaan duuba, Yesuus Pheexroosii fi Yaaqoob, Yohaannisii obboleessa Yaaqoobille fudhatee, gara gaara dheeraa tokkoo qofitti ol isaan baase. Innille isaan duratti bifa jijjiiramee, fuulli isaalle akka adu'uu ifee, woyaan isaalle adii calalaxxuu teete. Dedhuma Muuse'ee fi Eliyaas Yesuus woliin dubbatanuun dhaggane. Achiin duuba Pheexroos Yesuusiin, “Gootta'a, asitti dhaggamuun keenna nu'uuf dansa'a! Yoo feedhii keeti te'e, gosee sadiin, takkattii si'iif, takkattii Muuse'eef, takkattii Eliyaasiif ijaaraa” jedhe. Adoo inni tana dubbatiisatti jiruu, dedhuma duumensi ifaalessi isaan golle; duumensa san keessalle'ee qoonqoon takka, “Kun Ilma kiyya ka ani jaaladhu, isa dhage'a'a!” jette. Barattooti yennaa tana dhage'ane, rifatanee lafa irratti fuulaan gad jigane. Yesuus ammoo isaanitti dhikaatee harkaan isaan qaqqabee, “Ka'aa, hin sodaatina'a!” jedheen. Isaan yennaa ol jedhanee ilaalane, Yesuus malee nama tokkolle hin dhaggine. Isaan gaara irraa adoo gad bu'iisatti jiranuu, Yesuus, “Ilmi Namaa du'aa haga ka'utti waan dhaggittane kana nama tokkolle'etti hin himina'a” jedhee barattoota ifii ajaje. Barattooti isaalle, “Barsiisoti seera Muuse'ee Eliyaasitti dursee dhufuu qaba maaf jedhan ree?” jedhanee isa gaafatane. Inni deebisee, “Eliyaas waan mara adde'etti deebisiisaaf dhugumaan hin dhufa; Ani ammoo isinitti hima Eliyaas duruu dhufeera, kolbaan isa hin hubanne, akkuma fedhane isa godhane. Maarre Ilmi Namaalle harka isaaniititti hin rakkata” jedheen. Achiin duuba barattooti akka inni marroo Yohaannisii cuupha'aa isaanitti dubbatiisatti jiru hubatane. Yennaa Yesuusii fi barattooti isaa sadiin gara gumi'ii deebi'ane, namichi tokko dhufee, Yesuus duratti jilbiiffatee, “Gootta'a, mucaa kiyya mararfadhu, inni dhukkuba gaggaddu'uu waan qabuuf guddoo rakkatiisatti jira; inni yennaa hedduu ibiddaa fi bisaan keessatti jiga. Ani gara barattoota teetii isa fidee, isaan ammoo isa fayyisuu hin dandeenne” jedhe. Yesuus deebisee, “Isin dhaloota hin dhugeeffannee fi dabaalessa! Haga yoomii isin woliin jiraadhaa? Haga yoomii isin ossadha? Mucaa gara kiyya fida'a!” jedhe. Yesuus ayyaana hamaa san xixee, mucaa keessaa baase; mucaalle yoosuma fayye. Achiin duuba barattooti qofuu gara Yesuusii dhufanee, “Nuuti maaf ayyaana hamaa san baasuu dadhanne?” jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, “Waan dhugeeffannaan teessan diqqaatteef re! Ani dhugumaan isinitti hima, dhugeefannaa haga midhaan sanaaficci'ii adoo qabaattanee, gaara kanaan, ‘Asii ka'ii achi deemi!’ yoo jettane, innille hin deema; wonni isiniif hin dande'anne hin jirtu. [ Ka akkanaa kun daadimataa fi laamaan malee hin bawu” isaaniin jedhe.] Yennaa barattooti isaa Galiilaa keessatti wolitti qabamane, yesuus isaaniin, “Ilmi Namaa harka namootaatitti dabarfamee hin kennama, isaanille isa hin ijjeesan, inni ammoo guyyaa sadeesso'ootitti du'aa hin ka'a” isaaniin jedhe. Isaanille guddoo gaddane. Yesuusii fi barattooti isaa yenna Qifirnaahom gayane, worri gibira Galma Waaqaa guuru gara pheexroosii dhufanee, “Barsiisaan keessan gibira Galma Waaqaa hin kaffaluu?” jedhaneen. Pheexroos, “Ee, hin kanfala” jedheen. Pheexroos gara manaa dhufee adoo isatti hin dubbatinuu, Yesuus dursee, “Simoon, maan sitti fakkaata? Moototi biyya lafaa qaraxa yookiin gibira eennu irraa guuran? Nama biyya ifii irraa moo nama biyya dhibi'ii irraa guuran?” jedhee isa gaafate. Pheexroos deebisee, “Nama biyya dhibi'ii irraa guuran” jedheen. Yesuus deebisee, “Nami biyya isaanii bilisa ree! Te'uu malee, nuuti gufuu akka isaanitti hin teene, gara abbaaya'aa dhaqiitii malxaqqoo bisaanitti darbadhu; qurxummii qara baatu fuutee, afaani isi'ii yoo bante, beesee keessatti hin dhaggita; beesee san fuudhiitii anaaf, ifille'eef kaffali!” jedheen. Yennaa san barattooti gara Yesuusii dhufanee, “Mootummaa Waaqaa keessatti ka caalu eennu?” jedhaneen. Inni daa'ima tokko waamee, isaan dura dhaabbachiisee, “Ani dhugumaan isinitti hima, yoo hin jijjiiraminii fi deebitanee akka daa'immaanii hin te'in, isin ijjumaa mootummaa ol-gubba'aatitti hin galtanu. Eennulle ka akka daa'ima kanaa ifi gad qabu mootummaa ol-gubba'aa keessatti mara ka caalu te'a. Eennulle daa'ima akkasii maqaa kiyyaan ka fudhatu ana fudhata. Isin keessaa nami tokko worra didiqqaa anatti dhugeeffatu kana keessaa tokkotti gufuu yoo te'e, dhakaan daaku'uu guddaan morma isaatitti hidhamee qilee abbaaya'aatitti adoo gatamee liqinfamee isaa woyya. Sababa waan kolbaa gufachiisuutiif biyya lafaatiif aanne'e! Wonni guffachiisu dhufuu hin oolu; ammoo ka nama gufachiisuuf aanne'e! Harki keeti yookiin miilli keeti akka cubbuu tolchitu yoo si gufachiise, kutii gati; harka lamaan yookiin miila lamaan qabaattee ibidda bara baraatitti gatamiisaa mannaa, fafoottee yookiin naafattee gara jiruu bara baraa galiisa si'iif woyya. Ilti teetille yoo si gufachiitte, ifi keessaa baasii gati; ila lamaan qabaattee qilee ibiddaatitti gatamiisaa mannaa, ila takkaa qabaattee gara jiruu bara baraa galiisa si'iif woyya. Yesuus, “Ani isinitti hima, ergantooti Waaqaa ta ol-gubbaa jirtu, ta isaan eeddu yennaa mara fuula Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jiruu waan ilaaltuuf, worra didiqqaa kana keessaa tokkocha akka hin tuffanne ifi eegadha'a. [ Ilmi Namaa worra bade fayyisiisaaf dhufe.] Maan isinitti fakkaatti? Nami tokko hoolota dhibba qabaatee, isaan keessaa takkattiin yoo badde, sagaltamii sagal gaara irratti lakkisee ta badde san hin barbaaduu? Ani dhugumaan isinitti hima, inni yoo isii dhagge, ta hin badin sagaltamii sagal caalaa itti gammada. Akkasuma worraa didiqqaa kana keessaa tokkochille akka badu fedhii Abbaa keessan ka ol-gubba'aatii moti. “Obboleessi keeti yoo si yakke, dhaqii lafa isin lamaan qofi jirtanutti yakkaa isaa itti himi. Inni yoo si dhage'e, ati deebittee obboleessa keeti isa godhatta. Inni yoo si hin dhage'in ammoo, dubbiin marti dhugaa baya nama lamaatiin yookiin sadiitiin waan mirkanoottuuf, nama dhibii tokko yookiin lama fudhadhuu dhaqi. Inni yoo isaan dhage'uu dide, wolde'a kiristaanaatitti himi; wolde'a kiristaanaalle yoo dhage'uu dide, akka worra Yihudoota hin te'iniitii fi guurtuu qaraxaatitti laakkoyi. “Ani dhuguma isinitti hima, wonni isin lafa irratti hiitane ol-gubbaalle'etti ka hidhame te'a; wonni isin lafa irratti hiittanelle ol-gubbaalle'etti ka hiikame te'a. Ammalle, ani isinitti hima, isin keessa nami lama, biyya lafaa irratti marroo waan tokkoo wolii galee yoo daadimate, Abbaan kiyya ka ol-gubbaa jiru waan isaan daadimatane san isaaniif hin godha. Addee namooti lama yookiin sad maqaa kiyyaan wolitti qabamanutti, ani isaan woliin jira” jedhe. Achiin duuba Pheexroos gara Yesuusii dhikaatee, “Gootta'a, obboleessi kiyya yoo na yakke, yennaa meeqa araaramaaf? Yennaa torbaa?” jedheen. Yesuus deebisee, “Ani haga yennaa torbaatamii torbaa ti malee, haga yennaa torbaati si'iin hin jedhu. “Waan kanaaf mootummaan ol-gubba'aa mootii herrega hojjattoota isaa irra jiru herregatiisaaf barbaade tokko fakkaatti. Inni yennaa herreguu jalqabe, nama inni beenyaa beesee irraa qabu tokko itti fidane. Innille kaffaluu dadhabee jennaan, goottaan isaa akka inni niitii ifii, ijoollee ifiitii fi waan qabu mara woliin gurguramee beenyaan kaffalamu ajaje. Maarre hojjataan sun miila isaatitti jigee, ‘Naa ossadhu, anille waan maraa sii hin kaffala’ jedhee kadhate. Goottaalle isaaf nayee, beenyaa isaalle lakkiseefii, akka deemuuf gad lakkise. Hojjataan sun ammoo, akkuma gad bayeen, hojjatuma akka isaa meetii dhibba tokko beenyaa irraa qabutti bayee, hudheelle isa qabee, ‘Beenyaa kiyya naaf deebis’ jedheen. Achiin duuba hojjataan akka isaa sun gad jigee, ‘Naa ossadhu, ani sii kaffala’ jedhee isa magannifate. Inni ammoo dide; achiin duuba qabee dhaqee haga inni beenyaa isaa kaffalutti mana hidha'aatitti galchisiise. Hojjattooti akka isaa worri dhibiin yennaa waan te'e kana dhaggane, guddoo gaddanee, waan te'e san mara goottaa isaaniititti himane. Achiin duuba goottaan isa waansisee, ‘Ati hojjataa hamaalessa! Waan na magannifatteef ani beenyaa san mara sii lakkise. Akkuma ani si mararfadhe, atille hojjataa akka keetii mararfatu'uu hin mallee ree?’ jedheen. Aari'iin goottaan isaa haga inni beenyaa isa irra jiru mara kaffalutti worra isa rakkisutti dabarsee kenne. Maarre isinille gadhaa tokkoon obboleessa keessaniif yoo hin araaramin, tokkoo tokkoo keessan Abbaan kiyya ka ol-gubbaa jirulle akkasuma hin godha” jedhe. Yesuus yennaa dubbii tana dubbatee fixe, Galiilaa lakkisee laga Yordaanosiitiin gama gara lafa Yihuda'aa dhaqe. Gumiin guddoon isa hordottee, innille achitti isaan fayyise. Worri Fariisaayotaa gariin gara Yesuusii dhufanee, haga isa ilaaliisaaf barbaadanee, “Nami tokko Sababuma fedheefuu haadha manaa ifii lakkisuun seeraa?” jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, “Waaqi jalqaba, ‘dhiiraa fi dubartii’ tolchee akka isaan dade hin dubbinnee?” jedhe. Itti dabaleelle, “Waan kanaaf nami haadhaa fi abbaa ifii hin lakkisa, haadha manaa ifiitiin wolitti maxxana; lamaanuu foon tokko hin te'an. Maarre isaan haganaa achi foon tokko malee, lamaa moti. Tanaaf waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin” jedhe. Fariisaayoti, “Abbaan manaa woraqata lakkeessaa kenneefii akka isii lakkisu, Muuseen maaf ajaje ree?” jedhaneen. Yesuus deebisee, “Sababa mataa-jabeenna keessaniitiif Muuseen akka isin haadhotii manaa teessaan lakkittanu isinii eeyyame malee, jalqaba irratti akkasii moti. Anille isiniin jedha, yoo isiin gaarayyeeffatte malee, nami haadha manaa ifii lakkisee ta dhibii fuudhu, hin gaarayyeeffata ” isaaniin jedhe. Barattooti isaa deebisanee, “Wonni abbaa manaatii fi haadha manaa yoo akkas teete, fuudhuu dhabuu woyya” jedhaneen. Yesuus deebisee, “Worra kennanteef malee, barsiisa kana nami marti dande'ee hin fudhatu” jedheen. Worri guneessa te'anee dhalatane jiran, worri harka namaatiin guneessa te'anelle jiran, worri mootummaa Waaqaatiif jedhanee guneessa ifi godhaneelle jiran. Nami kana fudhatiisa dande'u fudhatuu ti” isaaniin jedhe. Achiin duuba akka Yesuus harka ifiitiin qaqqabee daadimatuuf ijoollee diddiqqoo gara isaa fidane. Barattooti isaa ammoo worra ijoollee fide xixane; Yesuus ammoo, “Mootummaan Waaqaa ta worra akkasii waan teeteef, ijoollee lakkisa'a, gara kiyya dhuttuutii hin dhooggina'a” jedhe. Innille harka ifiitiin ijoollee qaqqabee achii ka'ee deeme. Achiin duuba namichi tokko gara Yesuusii dhufee, “Barsiisa'a, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf, hujii dansaa maan hujuu qaba?” jedheen. Yesuus deebisee, “Marroo hujii dansa'aa maaf na gaafatta? Dansaan Waaqa tokkocha qofa. Jiru'utti galiisaaf yoo feete, ajajoota Waaqaa eegadhu” jedheen. Namichi dargaggeessi, “Ajajooti kam inni?” jedheen. Yesuus deebise, “ ‘Hin ijjeesin; hin gaarayyeeffatin; hin hatin; dharaan dhugaa hin bayin; haadhaa fi abbaa keetiif ulfinna kenni; ammalle, ollaa keeti akka mataa keetii jaalladhu’ ka jedhu” jedheen. Dargageessille deebisee, “Ani ajajoota kana eegadheera; ammaa wonni narraa dhidhateeru maan?” jedhe. Yesuus deebisee, “Ka dhidhuu hin qanne te'uu yoo feete, dhaqii, waan qaddu mara gurgurii beesee hiyyeeyyi'iif kenni; ol-gubba'atti karra hin qabaatta; achiin duuba koyiitii, na hordofi” jedheen. Dargaggeessi sun tana yennaa dhage'e, karra guddoo waan qabuuf, gaddaa achii deeme. Achiin duuba Yesuus barattoota ifiitiin, “Ani dhuguma isinitti hima, nami dureessi mootummaa ol-gubba'aatiti galiisi guddoo rakkisa'a. Ammalle ani isinitti hima, nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisa irra gaalli qowa lilmoo keessa hulluuqiisatti irra kaso'o” jedhe. Barattooti isaa yennaa tana dhage'ane, guddoo maalalanee, “Eentu fayyuu dande'a ree?” jedhane. Yesuus ammoo gara isaanii ilaalee, “Wonni kun namaaf hin dande'antu, Waaqaaf ammoo wonni marti hin dande'anti” jedhe. Achiin duuba Pheexroos deebisee, “Ilaa, nuuti waan mara lakkinnee si hordonneerra. Nuuti maan dhaggatu'uu jirra ree?” jedhe. Yesuus deebisee, “Ani dhuguma isinitti hima, biyya lafaa haareya dhuttutti, Ilmi Namaa barcumaa mootummaa ulfinna ifii gubbaa yennaa tee'u, isin worri ana hordottanelle barcumaa mootumma'aa kudhanii lama gubbaa teettanee, gosa Israa'elii kudhanii lamatti murtan. Nami anaaf jedhee mana yookiin obboleessa yookiin obboleettii yookiin abbaa yookiin haadha yookiin ijoollee yookiin fichaa lakkise, dachaa dhibba hin fudhata; jiruu bara baraalle hin dhaggata. Ammoo warri hedduun amma dura jiru worra duuba jiru hin te'a; worri duuba jirulle worra dura jiru hin te'a. “Mootummaan ol-gubba'aa nama fichaa woyni'ii qabu, ka barii halkaniin addee woynii ifiitiif hojjattoota qaxaru'uuf baye tokko fakkaatti. Beesee mindaa guyyaa tokkootiin hojjattootaan wolii galeen duuba, gara fichaa woynii ifiititti isaan erge. Gara sa'aatii sadiititti inni yennaa gad bawu, worra dhibii addee dikko'oo hujii malee dhaabbatiisatti jiranu dhagge; innille isaaniin, ‘Isinille gara fichaa woyni'ii dhaqa'aa huja'a; anille kaffaltii malte isinii kaffala’ jedheen. Maarre isaanille dhaqane. Gara sa'aatii jaatii fi gara sa'aatii sagaliille'etti inni bayee akkasuma godhe. Gara sa'aatii kudhanii tokkoolle'etti inni bayee worra dhibii adaala san dhaabbateeruun dhaggee, ‘Guyyaa guutuu hujii malee maaf as dhaabbattan?’ jedheen. Isaanille, ‘Nama nu qaxaru waan dhanneef as dhaabbanna’ jedhaneen. Inni, ‘Isinille gara fichaa woyni'ii dhaqa'aa huja'a’ jedheen. Yennaa galgalootte, abbaan fichaa woyni'ii towataa hojjattootaatiin, ‘Hojjattoota waamiitii, worra duubarra qaxarameen jalqabii haga worra dursee qaxarameetitti, kaffaltii isaanii kenniif’ jedheen. Worri gara sa'aatii kudhanii tokkootitti qaxaramane dhufanee, tokko tokkoon isaaniituu mindaa guyyaa tokkoo fudhatane. Worri dursee qaxarame yennaa dhufe, isaan caalaa waan fudhatanu seyane; isaanille ammoo minduma guyyaa tokkoo fudhatane. Isaan yennaa beesee fudhatanelle, abbaa fichaa woyni'ii irratti gungumanee, ‘Hojjattooti duubarra qaxaramane sa'aatii tokko qofa hujane, ati ammoo nu worra adu'utti woxalamaa guyaa guutuu dadhabaa oolle isaan woliin nu qixxeessite’ jedhane. Inni deebisee isaan keessaa tokkochaan, ‘Jaali, ani womaa si hin balleessine; ati guyya'atti mindaa guyyaa tokkootiin motii ka anaan wolii galte? Kaffaltii teeti fudhadhuu deemi; haguma si'iif kenne namicha duubarra qaxarame kanaafille kenniisa fedha. Beesee tiyyaan waan fedhe godhuu hin dande'uu? Yookiin ati waan ani arjoomeef hinaattaa?’ jedhe. Achiin duuba Yesuus, “Worri duubaa dura, worri duraa duuba hin te'an ” jedhe. Yesuus gara Yerusaalemii ol deemisatti jiruun, barattoota kudhanii lamaa qofiitti fudhee, “Kunoo, nuuti gara Yerusaalemii ol bayiisatti jirra, Ilmi Namaa mootota hayyootaatii fi barsiisota Seeraatitti dabarfamee hin kennama; isaanille yakkaa du'aa isatti murane. Achiin duuba akka isaan itti taphatanee, dhaananee fannisanu worra Yihudoota hin te'initti dabarsanee isa hin kennan. Guyyaa sadeesso'ootitti du'aa hin ka'a” isaaniin jedhe. Achiin duuba haati ilmaan Zabdewoosii ilmaan ifii woliin gara Yesuusii dhuttee, isa duratti jilbiiffattee, waan tokko akka godhuuf isa kadhatte. Innille isi'iin, “Ati maan barbaadda?” jedhe. Isiille isaan, “Ilmaan tiyya lamaan tun mootummaa teeti keessatti tokkochi midda keetitti, tokkochi bitaa keetitti, akka tee'anu naa godhi” jetteen. Yesuus ammoo deebisee, “Isin waan kadhatanu hin beettanu. Isin muduunuu rakko'oo ta ani uniisa geyeeru unuu hin dandeettanii? ” isaaniin jedhe. Isaanille, “Nuuti hin dandeenna” isaan jedhane. Innille, “Isin dhugumaan muduunuu rakko'oo ta ani unu hin untan, ammoo ka namoota midda kiyyaa fi bitaa kiyyatti teessiisu anaa moti; addeen tun worra Abbaan kiyya isaaniif qopheesseeruuf kennanti. Barattooti kudhan marroo waan kanaa yennaa dhage'ane, obboleeyyan lamaan sanitti aarane. Yesuus ammoo gara ifii isaan waamee, “Bulchitooti worra Yihudoota hin te'inii kolbaa ifii irratti akka goottomanu, qondaaltoti isaaniille isaan irratti baallii guutuu akka qabanu isin hin beettan. Odduu teessanitti akkas hin teetu; eennulle isin keessaa nami guddaa te'uu fedhu tajaajilaa keessan te'uu ti; akkasuma eennulle isin keessaa nami nama namaan duraa te'uu fedhu garbicha keessan te'uu ti; Ilmi Namaalle tajaajiliisaa fi kolbaa heddu'uuf jiruu ifii wodoo godhee kenniisaaf dhufe malee, akka isa tajaajilanuuf hin dhunne” jedhe. Yesuusii fi barattooti isaa Yeriko'oo bayanee deemanuun, gumiin guddoon Yesuus hordotte. Namooti ballaan lamaan achi karaa cinaa tetee'anee jiraniiyyu. Akka Yesuus karaa san dabariisatti jiru yennaa dhage'ane, iyyanee, “Gootta'a, Ilma Daawwitii, nuu marar!” jedhaa iyyane. Gumiin akka isaan cadhisanu xixxe; isaan ammoo ittumaa caalchisanee qoonqoo guddo'oon, “Gootta'a, Ilma Daawwitii, nuu marar!” jedhaa iyyane. Yesuus dhaabbatee isaan waamee, “Maan akka ani isiniif godhu barbaaddan?” jedheen. Isaan deebisanee, “Gootta'a, ilti teenna akka banantu barbaanna” jedhaneen. Yesuus isaanii nayee ila isaanii qaqqabe; yoosuma ilti isaanii banantee, isaan isa hordofane. Yesuusii fi barattooti isaa yennaa Yerusaalemitti dhikaataneeranu, gaara Ejersaatitti, addee Betfaagee jedhantu geyaneeranuun, Yesuus barattoota lamaan ergee, “Gara ollaa isiniin dura jiruu dhaqa'a, yoosuma harree hidhanteertu takka, ta ilmayyoo woliin jirtu hin dhaggitan; hiika'aatii naa fida'a. Eennulle yoo waan tokko isiniin jedhe, ‘Gootta'atti isaan barbaada, inni adoo hin turin hin deebisa’ jedha'aan” isaaniin jedhe. Wonni raagaan raage akka muummottuuf tun teete; wonni raagaan raagelle, “Qachaa Xiyooniitiin, ‘Kunoo, mootiin keeti gad ifi qabee, harre'ee fi ilmayyoo harre'ee irra tee'ee, gara keeti dhufaara’ jedha'aan” ka jedhu. Barattooti dhaqanee akkuma Yesuus isaan ajaje godhane; Isaan harree sanii fi ilmayyoo harre'ee san fidane, woyaa ifii irra keyanee, innille irra tee'e. Gumiin guddoon woyaa ifii karaa irratti atte; worri dhibiille dameelee baalaa muka irraa caccassanee karaa irratti firfisane. Gumiin isa dura deentuu fi isa faana deentu iyyitee, “Hosaa'innaa Ilma Daawwitiitiif! Maqaa Gootta'aatiin ka dhufu ka eebbifame! Hosaa'innaa olii ol-gubba'aatitti!” jette. Yesuus yennaa Yerusaalem seene, qachaan duudiin raafamee, “Inni kun eennu?” jedhane. Gumiin isa woliin ideentu, “Kun Yesuusii raagicha qachaa Naaziretii ka lafa Galiila'aa keessatti dhaggamuu dhufe” jette. Achiin Yesuus Galma Waaqaa seenee, worra Galma Waaqaa keessatti bitatuu fi gurguratu mara gad yaase; inni xarapheessaa worra beessee jijjiiratuutii fi barcumaa worra saphaliisa gurguratuu garagaggalchee, “‘Manni kiyya mana daadimataa jedhamee hin waamama’ jedhanttee barreeffanteerti; isin ammoo goda saantu'uu gootane” isaaniin jedhe. Naafii fi ballaan Galma Waaqaa keessatti gara Yesuusii dhufane; innille isaan fayyise. Moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seeraa waan baasaa ka inni godhe yennaa dhagganee fi ijoollee Galma Waaqaa keessatti, “Hosaa'innaa Ilma Daawwitiitiif” jedhaa iyyitu yennaa dhagge'ane aarane. Tanaaf Yesuusiin, “Ati waan ijoolleen tun jettu dhageettaa?” jedhane. Yesuus, “Ee hin dhage'a; isin ijjumaa, ‘Afaan ijoolle'eetii fi daa'immaan hootuutiin galata ifiif qopheeffatte’ ka jedhu hin dubbinnee?” isaaniin jedhe. Achiin duuba Yesuus isaan lakkisee, qachaa keessaa bayee, ollaa Bitaaniyaa jedhamuu dhaqee achi bule. Yesuus barii ganama, yennaa gara qacha'aa deebi'u beelote. Muka harru'uu tokko karaa cina'atti dhaggee, yennaa itti gore baala malee womaa irratti hin dhaggine. Achiin duuba inni harru'uun, “Ijjumaa deebi'ee midhaan si irraa hin dhaggamin” jedheen. yoosuma muki harru'uu sun goge. Barattooti yennaa muka harru'uu san dhaggane, baaseffatanee, “Yoosuma muki harru'uu attam goge?” jedhane. Yesuus deebisee, “Ani dhuguma isinitti hima, isin yoo dhugeeffannaa qabaattane, mamuulle yoo dhaddane, waan muka harru'uu irratti te'e qofaa hin gootanu; isin gaara kanalle'een, ‘Asii ka'ii abbaaya'atti darbami’ yoo jettanneeyyuu, hin teeti. Dhugeeffanna'aan dadimattanee waan gaafattanu mara, hin fudhattan” isaaniin jedhe. Yesuus yennaa Galma Waaqaa seenee adoo barsiisatti jiruu, moototi hayyootaatii fi jarsoleen kolba'aa gara isaa dhufanee, “Ati baallii maaniitiin waan kana goota? Baallii tana eentu sii kenne?” jedhaneen. Yesuus deebisee, “Anille gaaffii tokko isin gaafadha; isin yoo deebii naa deebittane, achiin duuba anille baallii maaniitiin waan kana akka godhu isinitti hima. Cuuphaan Yohaannis cuuphe Waaqa irraa dhutte moo, yookiin nama irraa dhutte?” isaaniin jedhe. Isaanille wol mormanee, “ ‘Waaqa irraa dhutte’ yoo jenne, inni, ‘Isin maaf isa hin dhugeeffatinaa ree?’ nuun jedha; Ammoo yoo nuuti, ‘Nama irraa’ jenne, martinuu akka raaga'aatitti waan Yohaannis fudhatanuuf, kolbaa sodaanna” jedhane. Maarre isaan deebisanee, “Nuuti hin beennu” Yesuusiin jedhane. Yesuusille, “Baallii maaniitiin waan kana akka godhu anille isinitti hin himu” isaaniin jedhe. Yesuus isaaniin, “Maan isinitti fakkaata? Nami tokko ijoollee lama qabaayyu; inni gara angafichaa dhaqee, ‘Ilma kiyya, adha addee woyni'ii dhaqii huji’ jedheen. Inni deebisee, ‘Ani hin dhaqu’ jedhe; eegas ammoo yaada jijjiiratee dhaqe. Abbaan gara ilma lammeesso'oolle dhaqee akkasuma jedhe; ilmi, ‘Hin dhaqa, abbayyoo!’ jedhe; ammoo hin dhandhe. Isaan lamaan kana keessaa kamitti waan abbaan barbaade tolche?” jedheen. Isaan, “Angaficha” jedhane. Yesuus, “Ani dhugumaan isinitti hima, worri dabaan qaraxa guuruu fi sagaagaltooti mootummaa Waaqaatitti galiisa isin dursan” isaaniin jedhe. Yohaannisiin cuuphaan karaa balchumma'aa isinitti dhufee jennaan isin isa hin dhugeeffanne; worri dabaan qaraxa guuruu fi sagaagaltooti ammoo isa dhugeeffatane; isin eeguma kana dhaggitanelle, yaada keessan jijjiirattanee isa hin dhugeeffanne” jedhe. Yesuus ammalle, “Mammaassa dhibii dhage'a'a! Namichi tokko muka woyni'ii dhaabee, dalleya itti marsee ijaaree, boolla midhaan isi'ii itti cunfu qotee, xelleephoo irra tee'anee eeganu ijaare. Achiin duuba inni qonnaan boltootaaf kireessee, gara biyya dhibi'ii deeme. Yennaan midhaan woyni'ii guuranu geennaan, inni qooda midhaan ifii fudhatiisaaf tajaajiltoota ifii gara qonnaan bultootaa sanii erge. Qonnaan bultooti sun ammoo tajaajiltoota isaa qabanee, tokko dhaananee, kaan ijjeesanee, kaanille dhaka'aan tumane. Inni ammalle tajaajiltoota worra qaraa laakkossaan caalanu ka dhibii itti erge; isaan akkuma worra duraa kaan isaan godhane. Dhuma irratti inni, ‘Isaan ilma kiyya hin ulfeessan’ jedhaa ilma ifii gara isaanii erge. Qonnaan bultooti ammoo yennaa ilma san dhaggane, ‘Ka dhaalu kana; koya'a, isa ijjeennee dhaala isaa fudhannaa’ woliin jedhane. Maarre isaan isa qabanee, addee woyni'iitii alatti darbanee baasanee ijjeesane. Amma abbaan addee woyni'ii yennaa dhufe, qonnaan bultoota san maan godhinna laati?” isaaniin jedhe. Isaan deebisanee, “Inni worra hamaaleyyii san du'a farraamettii hin ijjeesa. Addee woyni'iille qonnaan bultoota worra yennaa midhaan woyni'ii guuramu qooda isaaf kennuuf kireessa. Yesuus, “Isin Barreeffama Wayyicha keessatti, ‘Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, dhakka dhakaa maraa caalaa barbaadamu te'e; tana Gootta'atti godhe, ila teennalle'etti waan baasaa ti!’ ka jedhu ijjumaa hin dubbinnee? “Tanaaf, ani isinitti hima, mootummaan Waaqaa isin irraa fuudhantee kolbaa midhaan buuttuuf hin kennanti. [ Nami dhakaa kana irratti jigu hin caccaba; Nami dhakaan kun irratti jigu ammoo hin bututa.] Moototi hayyootaatii fi Fariisaayoti yennaa mammaassa isaa dhage'ane, akka inni marroo isaanii dubbatiisatti jiru beekane. Isaan isa qabiisaaf barbaadane, ammoo waan gumiin akka raaga'aatitti Yesuus fudhatteef, isaan sodaatane. Yesuus ammalle mammaassaan isaanitti dubbatee, “Mootummaan Waaqaa mooticha tokko ka ilma ifiitiif jila fuudhaa fi heerumaa jilise fakkaatti. Worri gara jila fuudhaa fi heerumaa waamame akka dhufu itti himiisaaf, Mootichi tajaajiltoota ifii erge; isaan ammoo hin dhunne. Inni ammalle tajaajiltoota dhibii ergee, ‘Worra waamameeruun: Kunoo, jila tiyya ta fuudhaa fi heerumaa qopheesseera, sangootaa fi dardarooti cocoommiin qalamaneeran, wonni martille qophootteerti; gara jila fuudhaa fi heerumaa koya'a jedha'aatii itti hima'a’ jedhe. Worri waamame ammoo tuffatee, tokko gara fichaa ifii, kuun gara daldala ifii deeme; worri kuun tajaajiltoota isaa qabee, akka malee tolchee, ijjeesse. Mootichi guddoo aaree, loltoota ifii ergee, worra tajaajiltoota isaa ijjeese san balleessee, qachaa isaaniille gube. Achiin duuba inni tajaajiltoota ifiitiin, ‘Jilti fuudhaa fi heerumaa qophootteerti, worri waamame ammoo ka jila tanaaf male hin teene. Tanaaf gara woldeennaa karaa gugurda'aa dhaqa'aatii, namuma dhaggitane mara gara jila fuudhaa fi heeruma tanaa waama'a!’ jedhe. Tajaajiltooti sun gara karaa gugurda'aa bayanee nama dhaggane mara bada'aa fi dansaalle guurane; maarre manni jila fuudhaa fi heerumaa sun keessummootaan guutame. “Mootichi keessumoota ilaaliisaaf yennaa ol seene ammoo, nama woyaa jila fuudhaa fi heerumaa hin uffatin tokko dhagge. Namichaan, ‘Jaali, woyaa jila fuudhaa fi heerumaa malee attamiin mana seente?’ jedheen. Namichi waan dubbatu dhabe. Achiin duuba mootichi worra achi keessa ergamuun, ‘Harkaa fi miila isaa hidha'aatii, dukkana alaatitti gata'a. Achitti ilkaan qariisaa fi booyiis hin te'a’ jedhe. Worri waamame heddu'u, worri filame ammoo diqqa'a” jedhe. Achiin duuba worri Fariisaayotaa dhaqanee waanuma inni dubbateen Yesuus xaqaru'uuf mari'atane. Maarre isaan barattoota ifii golii Heroodisii woliin gara isaa erganee, “Barsiisa'a, akka ati dhugaamessaa nuuti hin beenna; karaa Waaqaa dhugumaan barsiitta, ati nama hin sodaattu, nama tokkolle wol hin caalchittu. Maan sitti fakkaata? Mootii moototaa biyya Rooma'aatiif gibira kaffaluun seera moo seeraa moti? Nutti himi ree!” jedhaneen. Yesuus ammoo, hammeenna isaanii beekee, “Isin kijiboolle'e! Maaf haga na ilaaltan? Beesee ittiin gabbartanu me natti mudhisa'a?” jedhe. Isaanille beesee san tokka itti fidane. Achiin duuba inni, “Fakki'ii fi maqaan kun ka eennuu ti?” jedhee isaan gaafate. Isaan deebisanee, “Ka mootii mootota biyya Rooma'aa ti” jedhaneen. Achiin duuba inni, “Tanaaf, waan mootii moototaa mootii moototaatiif, waan Waaqaalle Waaqaaf kenna'a” isaaniin jedhe. Isaan yennaa waan kana dhage'ane baaseffatanee, isa lakkisanee deemane. Gaafasuma Saduqooti, worri du'aa ka'iisi hin jiru jedhu, gara Yesuusii dhufanee, “Barsiisa'a, Muuseen, ‘Nami tokko adoo hin uumatin yoo du'e, obboleessi isaa niitii obboleessa du'ee san dhaalee, sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuu ti’ jedheera. Amma obboleeyyan torba tokkotti odduu teenna jiraayyu; angafichi fuudhee, ijoollee adoo hin uumatin irraa du'e; tanaaf obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaale. Ka lammeesso'oolle, ka sadeesso'oolle, haga torbeesso'ootitti isuma dhaalanee ijoollee adoo hin uumatin irraa du'ane. Mara isaaniitiin duuba, isiille duute. Gaafa worri du'ane ka'anu, marti isaaniituu waan isii fuudhaneeranuuf, isaan torba keessaa isiin kamiif niitii teeti?” jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, “Barreeffama Woyyichaa fi hunna Waaqaa waan hin beenneef, isin hin dokonkortan. Yennaa worri du'ane ka'anu, isaan ol-gubba'atti akka ergantoota Waaqa te'an malee, hin fuudhanu, hin heerumanu. Marroo worra du'aa ka'iisa worra du'ee, waan Waaqi isiniin jedhe isin hin dubbinnee? Inni, ‘Ani Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaaqii, Waaqa Yaaqoobii ti’ jedheera. Inni Waaqa worra jiraata'aati malee, Waaqa worra du'a'aatii moti” isaaniin jedhe. Gumiin yennaa tana dhageette, barsiisa isaa baaseffatte. Yesuus worra Saduqootaa akka cadhisiise yennaa dhage'ane, worri Fariisaayotaa wolitti dacha'ane. Isaan keessaalle'ee, barsiisaan Seeraa tokko, Yesuus haga ilaaliisaaf, “Barsiisa'a, Seera keessaa ajaji guddichi kam?” jedhee isa gaafate. Yesuus deebisee, “ ‘Waaqa Goottaa keeti, gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'iin, qalbii teeti takkatti'iin jaalladhu’. Ajaji guddichi duraa isaa kana. Lammeessoolle isuma fakkaata: ‘Ollaa keeti akka mataa keetii jaalladhu’. Ajaja lamaan kana irratti Seerri Muuse'eetii fi barsiis raagotaa marti hundeeffamaneeran” jedhe. Fariisaayoti wolitti dacha'aneeranuun, Yesuus, “Marroo Masiihii maan isinitti fakkaata? Inni ilma eennuu ti?” jedhee isaan gaafate. Isaan, “Ilma Daawwitii ti” jedhaneen. Yesuus, “Attamiin Daawwiti hunna Ayyaana Woyyichaatiin sooreffamee ‘Goottaa’ jedhaa isa waamaa, ‘Waaqi Goottaa kiyyaan, haga ani diinota keeti miila keeti jala si'iif galchutti, Midda kiyyatti tee'i’ jedheen ree? Daawwiti yoo, ‘Gottaa’ jedhee isa waame, Masihiin attamiin ilma isaa te'uu dande'a?” isaaniin jedhe. Nami tokkolle deebii isaaf deebisuu hin dandeenne. Guyyaa sanii jalqabee nami tokkolle gaaffi tokkolle isa gaafatiisaaf itti hin gamne. Achiin duuba Yesuus gumi'ii fi barattoota ifiititti dubbatee, “Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti barcumaa Muuse'ee irra te'aneeran. Maarre waan isaan isin barsiisanu godha'a, hordofa'alle'e; te'uu male, isaan waan barsiisanu waan hujii irra hin oolchineef, akka isaan hujanu hin hujina'a. Isaan ba'aa ulfaattuu, ba'atiisaaf hin dande'ane hidhanee gurmuu worra dhibi'ii irra keyan; ifiif ammoo quballe'een tuquu hin fedhanu. Isaan hujii ifii mara worri dhibiin akka isaan dhaggu hujan; qudhaama Jechooti Barreeffama Wayyichaa keessa jiru, ka addaa fi irree ifii irratti hidhatanu babadhisanee qudhaammatan; handaara woyaa uffatanee daadimatanuu dheereffatan. Lafa jilaatitti addee ulfinnaa, Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barcumaa duraa, addee dikko'oolle'etti negeya ulfinnaa akka isaan fuudhanuu fi kolbaan ‘Barsiisa'a’ jettee akka isaan waantu jaalatan. Isin barsiisaa tokko waan qaddanuu fi isin martinuu obboleeyyan waan teetaneef ‘Barsiisa'a’ jedhantanee hin waamamina'a. Isin Abbaa tokkocha ol-gubba'atti waan qaddanuuf, biyya lafaa irratti eennulle'een ‘Abbaa’ jettanee hin waamina'a. Sooressi keessaan Kiristoos tokkocha waan te'eef, ‘Sooressa’ jedhantanee hin waamamina'a. Odduu teessanitti isin mara ka caalu tajaajilaa keessan te'uu ti. Nami ol ifi qabu gad hin qabama, nami gad ifi qabu ol hin qabama” jedhe. Yesuus, “Barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isin balbala mootummaa ol-gubba'aa kolbaa duratti cuttanuuf, isiniif aanne'e! Isin ifiif hin galtanu, worra galiisaaf barbaadulle, hin dhooggitan. [ Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota kijiboolle'e! Isiniif aanne'e! Isin mana haadhotii hiyyeessaa sossiisaaf jettanee itti aalatiisaaf dheeressitanee daadimattan; tanaaf yakkaa guddo'otti isinitti murama.] Barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Nama tokko dhugeeffannaa Yihudootaa fudhachiisiisaaf abbaaya'aa fi lafa irra asii fi achi deddeentan, isin nama fudhate san dachaa lama isin caalaa ilma qile'ee isa gootan. “Sooreyyii balloota, isiniif aanne'e! Isin, ‘Nami tokko yoo Galma Waaqaatiin kakate, kakuun sun isa hin geettu, nami tokko yoo worqii Galma Waaqaatiin kakate, kakuun sun isa geetti’ jettan. Isin gowwoota balla'a! Worqi'i moo Galma Waaqaa ka worqii woyyoonsutti caala? Isin, ‘Nami yoo addee ciinca'aatiin kakate, kakuun sun isa hin geettu; ammoo yoo nami kennansa addee ciinca'aa irra jiruun kakate, kakuun sun isa geetti’ jettan. Isin ballaa attamiiti! Kennansa moo addee ciinca'aa ta kennansa woyyoonsitutti caala? Maarre nami addee ciinca'aatiin kakatu marti, adee ciinca'aatii fi waan isii irra jiru maraan kakata; nami Galma Waaqaatiin kakatulle, Galma Waaqaatii fi Waaqa achi keessa jiruun kakata; nami ol-gubba'aan kakatulle, barcumaa Waaqaatii fi ka barcumaa san irra tee'eeruun kakata. Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isinii aanne'e! Isin baala uddowaa adda addaa, waan akka basobila'aa, dinbilaalaatii fi onkooshe'e, kudhan keessaa tokko Waaqaaf hin kennitan, ammoo barsiisa Seeraa ka irra caalaa barbaachisu, waan akka muraa dhuga'aa, mararti'ii fi addatamaa lakkittaneertan. Isin waan saniille adoo hin lakkisin, wonni kun waan isin godhu'uuf maltane. Isin sooreyyii balloota! Isin bookee waan untanu keessaa dhimbiiddanee baachan, gaala ammoo hin liqinsitan. Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayotaa kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Muduunu'uu fi qorii dudda gubbaa qulqulleessitan, keessi ammoo joljolumma'aa fi ifi-jaallatiisaan guutameera. Fariisaayicha balla'a! Dursiitii muduunuu keessa qulqulleessi, yennaa san duddi gubbaalle qulqulluu te'a. “Barsiisota Seeraatii fi Fariisayota kijiboole'e! Isin gubba'aan dansa'a, keessaan ammoo akka irreensa biyyee adi'iin hallamee, lafeelee nama du'eetii fi waan battii maraan guutamee ti. Akkasuma isinille gubba'aan worra dhibi'itti balchoota fakkaattan, ammoo keessi keessan kijibaa fi cubbu'uun guutameera. “Barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Isin irreensa raagotaa ijaartan; soodduu balchootaalle hin seechan. Isin, ‘Bara abbootii teennaa adoo jiraannee, nuuti dhiiga raagotaa jissiisa isaaniille hin qarqaarruuyyu’ jettan. Akkasiin isin ilmaan worra raagota ijjeesee akka teetane ifi irratti dhugaa baatan. Waan abbootiin teessan jalqadde, ittuma guuta'aa fixaa ree! Isin dhudhuufa'a, isin ijoollee buuti'iiti! Muraa qile'ee jalaa attamiin baatan ree? Tanaaf ani raagota, qaroole'ee fi barsiisota isinii erga; isin isaan keessaa garii hin ijjeettan, kaan hin fannittan, worra dhibii mana Yihudooti itti wolitti qabamanu keessatti dhaantanee qachaa irraa gara qacha'aa ariitan. Maarre tanaaf isin dhiiga balchootaa ka lafa irratti jissitane, dhiiga Abeelii balchichaa irraa jalqabee, haga dhiiga Zakkaariyaasii ilma Baaraakiya'aa, ka addee ciinca'aatii fi Galma Waaqaa oddu'utti ijjeettaneetitti itti gaafatantan. Ani dhugumaan isinitti hima, adabam waan kana maraa dhaloota kanatti hin dhufa” isaaniin jedhe. Yesuus ammalle, “E! Yerusaalem, Yerusaalem, qachaa raagota ijjeettuu fi worra gara keeeti ergame dhaka'aan tuntu! Akka lukkuun cuucotii ifii koola ifii jalatti wolitti qabattu, anille ijoollee teeti wolitti qabiisaaf yennaa meeqa barbaade; isin ammoo diddane. Kunoo, manni keessan ona te'ee hafe. Ani isinitti hima, ‘Ka maqaa Gootta'aatiin dhufu, ka eebbifame’ haga jettanutti deebitanee ana hin dhaggitanu” jedhe. Yesuus Galma Waaqaatii bayee adoo deemiisatti jiruu, barattoti isaa ijaarsa Galma Waaqaa isatti mudhisiisaaf dhufane. Achiin duuba inni, “Isin waan kana mara hin dhaggitanii motii? Ani dhugaa isinitti hima, dhakaan tokkochi wol irratti hin hafu; isaan maraa hin diigaman” jedhe. Yesuus gaara ejersaa gubbaa tee'iisatti jiruun, barattooti isaa qofuu gara isaa dhufanee, “Nutti himi, kun yoom te'a, dhufa teetii fi dhuma biyyaa lafaatiif beessisi maan?” jedhane. Yesuus deebisee, “Eennulle akka isin hin dokonkorsine ifi eeggadha'a! Worri hedduun, ‘Ani Masiihi'i’ jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan. Worra hedduulle hin dokonkorsan. Woraanaa fi oduu woraanaa hin dhageettan; akka hin rifanne ilaalladha'a; wonni akkasii kun te'uu qaban, ammoo ammalle muummeen hin geenne. Gosi gosatti, mootummaalle mootumma'atti hin kaati; beellii fi tacho'i lafaa addee adde'etti hin te'an. Kun marti ammoo ciniinsuu jalqabaa ti. “Achiin duuba isaan akka rakkattanuu fi ijjeefantanu dabarsanee isin hin kennan, sababa maqaa kiyyaatiif gosa maraan hin jibbatantan. Yennaa san namooti hedduun dhugeeffannaa irraa hin jigan, isaan wol dabarsanee hin kennan, wolille hin jibban. Raagoti dharaa hedduulle hin ka'an, worra hedduulle hin dokonkorsan. Waan hammeenni fakkanuuf, jaalalli nama heddu'uu qabbanowaa deema. Nami haga muumme'ee ciniinnatee ossatu ammoo hin fayya. Gosa maraaf dhugaa baya akka teetu, Oduun Gammadaa ta mootummaa Waaqaa, biyya lafaa maratti hin lallabanti. Achiin duuballe muummeen hin dhutti” jedhe. Yesuus itti dabalee, “Akkuma raagaan Daani'el dubbate, ‘Farra badi'ii’ addee woyyittii dhaabbattuun yennaa dhaggitanu, ka kana dubbisu hubatuu ti! Yennaa san worri biyyaa Yihuda'aa keessa jiru gara gaarotaa baqatuu ti. Nami heellichoo manaa gubbaa jiru waan mana keessaa fudhatiisaaf gad hin bu'in. Nami fichaa keessa jiru woyaa fudhatiisaaf gara manaa hin deebi'in. Guyyoota san dubartoota ulfaatii fi hoosisaatiif aanne'e! Baqi keessan ganna yookiin guyyaa Sanbataa akka hin teene daadimadha'a! Yennaa san rakkinni guddaan hin te'a, rakkinni akkasii haga biyyi lafaa dadanteen jalqabee haga ammaatitti te'ee hin beeku, ijjumaa deebi'eelle hin te'u. Guyyooti sun adoo gabaabbatuu dhabaatee, nami tokkooyyuu silaa hin fayyuuyyu; sababa worra filameetiif ammoo guyyooti sun hin gabaabbatan. “Eennuulle isiniin ‘Kunoo! Masiihiin as jira!’ yookiin, ‘Inni achi jira!’ yoo jedhe itti hin dhugeeffatina'a. Masiihooti dharaatii fi raagoti dharaa hin ka'an; isaan yoo dande'ane, kolbaa Waaqi filateeyyuu, dokonkorsiisaaf baasaa fi bilbaasa hin hujan. Kunoo ani duraan dursee tana isinitti himeera. Maarre isaan, ‘Kunoo! Inni lafa goomole'ee keessa jira’ yoo isiniin jedhane gad hin bayina'a; yookiin, ‘Kunoo! Inni kolloo keessa jira’ yoo isiniin jedhane hin dhugeeffatina'a. Akkuma balaqqeettiin gara baya-adu'uutitti balaqqittee haga gara seensa-adu'uutitti issitu, dhufiis Ilma Namaalle akkasuma hin te'a. Addee reeffi jirutti allaattiin yaati” jedhe. Yesuus itti dabalee, “Guyyoota rakkinnaa saniin duuba yoosuma aduun hin dukkanootti, jiinille ifa ifii hin kennu; urjooti ol-gubbaa irraa harcaati, hunni ol-gubba'aalle hin raafanti. Achiin duuba beessisi Ilma Namaa ol-gubba'atti hin mudhata, yennaa san gosi biyya lafaa marti hin bootti; Ilmi Namaa duumensa gubba'aatiin hunnaa fi ulfinna gudda'aan dhufuun hin dhaggan. Inni ergantoota ifii qoonqoo tuultullaa gudda'aa woliin hin erga. Isaanille maddii arfan lafaa dhaqanee, worra Waaqaaf filame ka qaccee ol-gubba'aatii haga qaccee taanii jiru wolitti qaban” jedhe. Yesuus ammalle, “Muka harru'uu irraa barumsa baradha'a! Yennaa dameeleen isi'ii quunxituu fi baala baattu, bonni akka dhikaate beettan. Maarre akkasuma, waan kana mara yenna dhaggitane akka Ilmi Namaa balbalatti dhikaate beeka'a. Ani dhugumaan isinitti hima, wonni kun marti haga teetutti dhalooti kun hin dabaru. Lafaa fi ol-gubbaan hin dabaran, jechi kiyya ammoo hin dabaru” jedhe. Yesuus itti dabalee, “Marroo guyyaa saniitii fi sa'aatii sanii Abbaa malee, ergantooti Waaqaa ta ol-gubba'aalle, Ilmille, eennulle hin beeku. Akkuma bara Nohiititti te'e, dhufi Ilma Namaalle akkasuma hin te'a. Bara san bisaan badi'iitiin dura, haga Nohi hoboloo guddittii seenetti, namooti nyaataa, unaa, fuudhaa, heerumaalle turane; haga bisaan badi'ii dhufee mara isaanii haree deemetti isaan womaa hin beenne. Maarre dhufiis Ilma Namaalle akkasuma hin te'a. Yennaa san nami lamaan fichaa keessa hin hujata; tokkochi hin fudhatama, tokkochi hin hafa. Dubartooti lamaan woliin daakuu daakan; takkattiin hin fudhatanti, takkattiin hin hatti. Tanaaf, guyyaa Goottaan keessan dhufu waan hin beenneef, dammaqa'aa eegadha'a. Waan kana ammoo hubadha'a: abbaan manaa halkan keessa yennaa hattuun itti dhuttu adoo beekee, inni silaa dammaqee hin eegataayyu, manni isaa akka cabu itti hin lakkisuuyyu. Tanaaf Ilmi Namaalle yennaa isin itti hin yaadanetti waan dhufuuf, maarre isinille qophowa'aa le'a'a” jedhe. Yesuus itti dabalee, “Tajaajilaan addatama'aa fi qaroon, ka goottaan isaa akka inni tajaajiltoota isaatiif sagalee yenna'aan kennuuf, maatii ifii irratti itti gaafatamaa godhu kam ree? Tajaajilaan goottaan isaa yennaa deebi'u hujiisumatti jiruun dhaggu sun ka badhaadhe. Ani dhugumaan isinitti hima, goottaan isaa qabeenna ifii mara irratti itti gaafatamaa isa godha. Tajaajilaan hamaan sun ammoo yaada ifii keessatti, ‘Goottaan kiyya hin tura’ yoo jedhee, tajaajiltoota dhibii dhaaniisa, worra machaawanu woliin nyaatiisaa fi uniisa yoo jalqabe, goottaan tajaajilaa sanii guyyaa inni isa itti hin yaadanee fi yennaa inni hin beennetti hin dhufa. Inni tajaajilaa san hin ciccira qooda isaalle worra kijiboolee woliin godha, achitti booyaa ilkaan qara” jedhe. Yesuus itti aansee, “Yennaa san mootummaan ol-gubba'aa durroota kudhan ta issaa ifii qabatanee waajibicha fudhatiisaaf bayane fakkaatti. Durroota san keessaa shanan gowwoole'e, shanan qaroole'e. Worri gowwooleen issaa ifii qabatane malee zayitii issa'atti naqatanu hin qabanne. Worri qarooleen ammoo issaa ifii woliin zayitii okkote'etti qabatane. Waajibichi adoo hin dhufin turraan, marti isaaniituu muganee rafane. Halkan wodhakkaa ammoo qoonqoo guddo'oon, ‘Waajibichi Kunoo ti! Isa fudhatiisaaf baya'a!’ waamichi jedhu dhage'ame. Yennaa san durrooti sun marti dammaxxee issaa ifii mimiidhaaffatte. Durri gowwooleen sun worra qaroole'een, ‘Issaan keenna waan dhaamaaruuf, zayitii teessan irraa diqqoo nuu kenna'a’ jedhaneen. Durri qarooleen deebisanee, ‘Waawwo'o! Nu'uu fi isiniif ta geettu hin jirtu. Worra gurguru bira dhaqa'aatii bitadha'a’ jedhaneen. Adoo isaan bitatiisaaf dhaqaneeranuu, waajibichi dhufe; durri qophooteertu sun isa woliin gara mana jila fuudhaa fi heerumaa san ol seenanee, balbalti cufante. “Durrooti worri hafanelle turanee dhufanee, ‘Gootta'a, Gootta'a! Nuu bani!’ jedhaneen. Inni ammoo deebisee, ‘Ani dhugumaan isinitti hima, ani isin hin beeku’ jedheen. Tanaaf, guyyaa san yookiin sa'aatii waan hin beenneef dammaqa'aa eegadha'a!” jedhe. Yesuus itti dabalee, “Mootummaan ol-gubba'aa akka nama biyya fago'oo dhaqiisaaf ka'ee, tajaajiltoota ifii waamee, karra qabu magannee isaanitti kennate tokko fakkaatti; Inni akkuma dandeettii isaaniititti tokkoof beesee saantimii worqi'ii kuma shan, kaaniif kuma lama, kaanille'eef kuma tokko kennee gara biyya fago'oo deeme. Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma shan fudhate yoosuma ittiin daddallee, beesee saantimii worqi'ii kuma shan keessaa buufate. Akkuma san, namichi beesee saantimii worqi'ii kuma lama fudhatelle kuma lama keessaa baafate. Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma tokko fudhate ammoo, dhaqee boolla qotee beesee gootta'aa san awwaale. “Yennaa dheertu'uun duuba goottaan tajaajiltoota sanii dhufee isaan woliin herregate. Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma shan fudhate, ta dhibii kuma shan fidee dhufee, ‘Gootta'a, ati beesee saantimii worqi'ii kuma shan anatti kenniteeyyu; kunoo, ani ta dhibii kuma shan keessaa buuseera’ jedhe. Goottaan isaa, ‘Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa'a; waan diqqo'oon addatanteerta, ani waan guddo'otti itti gaafatamaa si godha; koy gara gammada goottaa keetii gali!’ jedheen. Namichi beesee saantimii worqi'ii kuma lama fudhatelle dhufee, ‘Gootta'a, ‘Ati beesee saantimii worqi'ii kuma lama anatti kenniteeyyu; kunoo, ani ta dhibii kuma lama keessaa buuseera’ jedheen. Goottaan isaa, ‘Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa'a; waan diqqo'oon addatanteerta, ani waan guddo'otti itti gaafatamaa si godha’ jedhe; koy gara gammada goottaa keetii gali!’ jedheen. Achiin duuba namichi beesee saantimii worqi'ii kuma tokko fudhatelle dhufee, ‘Gootta'a, ati nama hamaa addee hin dhaabinii galfattu, addee hin facaasinii haammattu akka teete si beeka; tanaaf ani sodaadhee, dhaqee beesee teeti boollatti awwaale. Beeseen teeti kunoo ti’ jedheen. “Goottaan isaa ammoo, ‘Ati tajaajilaa hama'aa fi booseya! Addee hin dhaabinii akka galfadhu, addee hin facaasinii akka haammadhu beetteertaa motii? Ati beesee tiyya worra dhalaan fudhatu bira anaaf kewu'uu malte; ani yennaa deebi'e silaa beesee tiyya dhala woliin fudhadhaayyu. Maarre beesee san isa irraa fuudha'aatii, namicha beesee saantimii worqi'ii kuma kudhan qabuuf kenna'a. Nama qabu maraaf itti dabalantee hin kennantiif, hin bacattiifille'e; nama womaa hin qanne ammoo, wonni inni qabanuuyyuu irraa hin fudhatanti. Tajaajilaa gatii hin qanne kana, dukkana alaatitti gad gata'a, achitti booyaa ilkaan qara’ jedhe” isaaniin jedhe. Yesuus ammalle, “Ilmi Namaa ulfinna ifiitii fi ergantoota Waaqaa mara woliin yennaa dhufu, barcumaa ulfinna ifii gubbaa hin tee'a. Gosi marti isa duratti wolitti hin qabanti; akkuma tisseen hoolota re'ee irraa gargar foyu, innille kolbaa san gargar foyee, hoolota midda ifiititti, re'oota bitaa ifiititti dhaabbachiisa. Achiin duuba mootichi worra midda ifiitiin, ‘Isin worra Abbaa kiyyaan eebbifantane, koya'a! Mootummaa dadama biyyi lafaatii jalqaddee isiniif qophootte dhaala'a; sababille ani beelowee na nyaachittaneertan; dheebodhee na obaattaneertan; keessummaa te'ee na fudhattaneertan; daaree na uffittaneertan; dhibamee na gaafattaneertan; hidhameelle na gaafattaneertan’ jedhe. Yennaa san balchooleen, ‘Gootta'a, nuuti yoom beelotteertuun dhagginee si nyaachinne? Yookiin dheebuu teeti dhagginee yoom si obaanne? “Nuuti keessummaa teeteertuun dhagginee yoom si fudhanne, yookiin daarteertuun dhagginee yoom sitti uffinne? Nuuti yoom dhibanteertuun yookiin hidhanteertuun dhagginee si gaafanne?’ jedhaneen. Mootichi deebisee, ‘Ani dhugumaan isinitti hima, obboleeyyan tiyya worra mara caalaa didiqqa'aa kana keessaa tokkoof ka goottane, anaaf gootane!’ isaaniin jedhe. “Achiin duuba inni worra bitaa ifiitiin, ‘Isin worra abaarame na biraa fagaadha'a; gara ibidda bara baraa ka Seexanaa fi ergantoota Seexanaatiif qophowee deema'a; ani beelowee na hin nyaachinne; dheebodhee na hin obaanne; keessummaa te'eelle na hin fudhanne; daareelle na hin uffinne; dhibameelle, hidhameelle isin na hin gaafanne’ hin jedha. Achiin duuba isaanille deebisanee, ‘Gootta'a, beelotteertuun, yookiin dheebotteertuun, yookiin keessummaa teeteertuun, yookiin daarteertuun, yookiin dhibanteertuun, yookiin hidhanteertuun dhagginee yoom si qarqaaruu dhanne?’ hin jedhaniin. Mootichi deebisee, ‘Ani dhugumaan isinitti hima, worra mara caalaa didiqqa'aa kana keessaa tokkoof waan hin godhiniif, analle'eef hin goone’ isaaniin hin jedha. Worri kun gara muraa bara baraa, worri balchooleen ammoo gara jiruu bara baraa hin deeman” jedhe. Yesuus dubbii tana mara dubbatee fixeen duuba, barattoota ifiitiin, “Guyyaa lamaan duuba Jilti Irra Dabaramaa akka dhuttu isin hin beettan, Ilmi Namaalle fannifamiisaaf dabarfamee hin kennama” jedhe. Achiin duuba moototi hayyootaatii fi jarsoti kolba'aa mana hayyicha gudda'aa ka Qayyaaffaa jedhamuutitti wolitti qabamanee, dhossa'aan Yesuus qabiisaa fi ijjeesisiisaaf mari'atane. Isaan ammoo, “Kolbaa oddu'utti raafam hin ka'a fa'aa, yennaa jilaa hin tolchinu” jedhane. Yesuus Bitaaniya'atti mana Simoonii dur dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeruu adoo jiruu, dubartiin takka fiqiree gatii guddo'oo, duloo dhakaa albaasaaxarii jedhamu irraa hojjatame tokkoon fiddee gara isaa dhuttee, isaa qorii bira tee'eeru, fiqiree san mataa isaatitti naxxe. Barattooti isaa yennaa dhaggane ammoo, aaranee, “Tun maaf lafatti baddi? Fiqireen tun karra guddo'otti gurgurantee, beeseen sun worra hiyyeeyyi'iif silaa hin kennamaayyu” jedhane. Yesuus ammoo waan kana beekee, “Dubartii tana maaf rakkittan? Isiin waan dansaa anaaf goote. Hiyyeeyyiin yennaa mara isin woliin jiran, ani ammoo yennaa mara isin woliin hin jiraadhu. Isiin fiqiree tana nafa kiyyatti naqiisaan awwalaaf na qopheessite. Ani dhugumaan isinitti hima, biyya lafaa duudii keessatti, addee wongeelli kun itti lallabame maratti, wonni isiin goote qaabbii isi'iitiif hin dubbatama” isaaniin jedhe. Yennaa san Yihudaan nami biyya keriyootii, barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e, gara mootota hayyootaa dhaqee, “Ani yoo isa dabarsee isinitti kenne, isin maan anaaf kennitan?” isaaniin jedhe; isaan meetii soddoma isaaf kaffalane. Yihudaalle yennaa sanii jalqabee isa dabarsee kenniisaaf daguu barbaadate. Guyyaa jalqaba Jila Daabboo Uukoo hin qanneetitti, barattooti gara Yesuusii dhufanee, “Sagalee Jila Irra Dabaramaa akka nyaattuuf eessatti akka si'iif qopheessinu barbaadda?” jedhanee isa gaafatane. Inni deebisee, “Qachaa keessa gara mana nama tokkoo dhaqa'aatii, namicha saniin, ‘Yennaan tiyya dhikaatteerti; ani Jila Irra Dabaramaa barattoota tiyya woliin mana keetitti jilfadha, jedha barsiisaan’ jedha'aan” isaaniin jedhe. Barattooti akkuma Yesuus isaan ajaje, sagalee Jila Irra Dabaramaa qopheessane. Yennaa galgalootte, Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan woliin nyaatiisaaf tee'e. Adoo nyaatiisatti jiranuu, Yesuus, “Ani dhugumaan isinitti hima, isin keessaa nami tokko dabarsee ana hin keenna” jedhe. Barattooti akka malee gaddanee, badoo bado'oon, “Gootta'a, dhugumaan ana te'inaa?” isaan jedhiisa jalqabane. Yesuus deebisee, “Ka ana woliin harka qorii keyetti dabarsee ana kenna” jedhe. Ilmi Namaa akkuma marroo isaatiif barreeffante hin du'a, ammoo nama Ilma Namaa dabarsee kennuuf aanne'e! Nami sun silaa adoo dhalatuu dhabee isaaf woyya” jedhe. Yihudaan, ka isa dabarsee kennaaru, “Barsiisa'a, dhugumaan ana te'inaa?” jedhe. Yesuus deebisee, “Atuu jette” jedheen. Isaan adoo nyaatiisatti jiranuu, Yesuus xaltaa daabbo'oo fuudhee, Waaqaaf galata galchee, barattootaaf kennee, “Fudhadha'aa, nyaadha'a; kun foon kiyya” jedhe. Inni muduunuulle fuudhee, Waaqaaf galata galcheen duuba, isaaniif kennee, “Isin martinuu, itti una'a; kun dhiiga kiyya, ka Gondooroo haareyaa, ka araara cubbuu kolbaa heddu'uutiif dhangala'e. Ani isinitti hima, mootummaa Abbaa kiyyaa keessatti isin woliin haga guyyaa daadhii woyni'ii haareya unutti, ijjumaa deebi'ee daadhii woyni'ii hin unu” isaaniin jedhe. Achiin duuba isaan faaruu faarsanee, gara gaara ejersaa ol bayane. Achiin duuba Yesuus, “Isin martinuu edana na lakkittanee hin baqattan; sababille, ‘Ani tissee hin ijjeesa, hoolotille hin xexeeraman’ jedhantee barreeffanteerti. Du'aa ka'een duuba ammoo, isiniin dura gara Galiila'aa deema” isaaniin jedhe. Pheexroos, isaan, “Isaan martinuu si lakkisanee baqatanulle, ani ijjumaa si lakkisee hin baqadhu” jedheen. Yesuus, isaan, “Ani dhugumaan sitti hima, edanuma, iyya lukku'uutiin dura, ati yennaa sad na mormatta” jedheen. Pheexroos, isaan, “Si woliin du'uun yoo na barbaachiselle, ani ijjummaa si hin mormadhu” jedheen. Barattooti martinuu akkasuma jedhane. Achiin duuba Yesuus barattoota ifii woliin gara addee Getesemaanee jedhantuu dhaqe; inni barattoota ifiitiin, “Haga ani achi dhaqee daadimadhu, isin as tee'a'a!” jedheen. Inni Pheexroosii fi ilmaan Zabdewoosii lamaan fudhatee dhaqee, gaddaa fi laaleffata jalqabe. Achiin duuba inni, isaaniin, “Ani qixxee du'aatitti, guddoo gadde; isin as tura'aa, ana woliin dammaqa'aa tee'a'a!” jedheen. Haga diqqaa irraa hiiqee, lafatti jigee, “Abbaa kiyya, yoo dande'ame, muduunuun rakkinnaa tun narra dabartuuti; te'uu male akka fedha keetii malee, akka fedha kiyyaa hin te'in” jedhe. Achiin duuba inni gara barattoota sadii deebi'ee dhufee, rafiisatti jiranuun dhagge; inni Pheexroosiin, “Maarre, isin sa'aatii tokkolle ana woliin dammaxxanee turuu hin dandeennee? Akka ataabe'etti hin gallelle daadimadha'a; ayyaanni dhugumaan fedha qaba, foon ammoo dadhaba'a” jedheen. Yesuus ammalle yennaa lammeesso'oo isaan irraa hiiqee, “Abbaa kiyya, muduunuun rakko'oo tun adoo hin unin narra dabariisa ka hin dande'anne yoo teete, feedhiin teeti muummottuuti” jedhee daadimate. Yesuus ammalle dhufee ilti isaanii waan dunquuqotteef, rafiisatti jiranuun dhagge. Maare ammalle isaan lakkisee, irraa hiiqee yennaa sadeesso'oo, jechootuma duraan jedhe kaan jedhaa daadimate. Achiin duuba inni gara barattootaa deebi'ee dhufee, “Isin haga ammaa rafaa, foorfatiisatti jirtanii? Kunoo, sa'aatiin Ilmi Namaa harka cubbaaleyyi'iititti dabarfamee kennamu geetteerti. Ka'aa deennaa! Kunoo, ka dabarsee na kennu dhikaateera” isaaniin jedhe. Adoo Yesuus dubbatiisatti jiruu, barattoota kudhanii lama keessaa tokko ka te'e Yihudaan dhufe; gumiin guddoon ulee-jirmaa fi goraadee qabatteertu, mootota hayyootaatii fi jaarsolee kolba'aa biraa ta erganteertu isa woliin jirtiiyyu. Yihudaan Yesuus dabarsee kennu, “Nama ani sunqadhu, isa qaba'a” jedhee duraanuu beessisa isaaniif kenneera. Yihudaan akkuma gara Yesuusii dhufeen, “Barsiisa'a, attam nageeyaa!” jedhee sunqate. Yesuus deebisee, “Jaali, waan hujiisaaf dhutte huji” jedheen. Achiin duuba isaan dhufanee Yesuus jabeessanee qabane. Dedhuma, worra Yesuus woliin jiru keessaa tokkochi goraadee buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra isaa irraa kute. Achiin duuba Yesuus, “Goraadee keeti gonofa'atti deebifadhu; worri goraadee buqqifatu martinuu goraade'een bada. Ani Abbaa kiyya yoo gaafadhe, Inni yoosuma ergantoota duula kudhanii lama caalu anaa erguu hin dande'u sitti fakkaataa? Ammoo Barreefam Woyyichi karaa kanaan te'uu qaddi ka jedhu, silaa attaamiin muummowa ree?” jedheen. Yennuma san Yesuus gumi'iin, “Akka ani yakkaamessaa, goraade'ee fi ulee-jirma qabattanee na qabiisaaf dhuttanee? Ani guyyuma guyya'aan Galma Waaqaa keessa tee'ee barsiisaa ture, isinille ana hin qanne. Ammoo wonni raagoti Barreeffama Woyyicha keessatti barreessite akka muummottuuf, tun marti teete” jedhe. Yennaa san barattooti isaa martinuu isa lakkisanee baqatane. Worri Yesuus qabane sun, mana barsiisoti Seera Muuse'eetii fi jaarsoti kolba'aa itti wolitti qabamaneeranutti, gara Qayyaaffaa hayyicha gudda'aa isa geessane. Pheexroos ammoo irraa fagaatee haga moonaa hayyicha gudda'aa Yesuus hordofe; keessalle seenee, wonni kun attam akka teetu ilaaliisaaf, eeddota woliin tee'e. Moototi hayyootaatii fi korri mura'aa duudiin Yesuus ijjeesisiisaaf dhugaa baatota dharaa itti barbaadane. Dhugaa baatoti dharaa hedduun itti dhikaattulle, ammoo dhugaa baya du'a itti mursiisu tokkolle hin dhaggine; dhuma irratti namooti lamaan dhufanee, “Namichi kun, ‘Ani Galma Waaqaa diigee guyyaa saditti ijaaruu dande'a’ jedheera” jedhane. Hayyichi guddaan ol ka'ee, “Waan isaan si irratti dhugaa bayanu kanaaf ati deebii tokkolle hin qadduu?” jedhe. Yesuus ammoo cadhise. Achiin duuba hayyichi guddaan, “Magannee Waaqa jiraata'aa, ati Masiihii, Ilma Waaqaa yoo teete nutti himi” jedheen. Yesuus deebisee, “Maarre atinuu jette. Ani ammoo isinitti hima, ammaa jalqabee Ilmi Namaa midda Waaqa hunnaammessaa tee'uun, duumensa ol-gubba'aatilleen dhufuun hin dhaggitan” isaan jedhe. Yennaa san hayyichi guddaan woyaa ifii tarsaasee, “Inni Waaqa faanshesseera! Dhugaa dhibii maaf barbaanna? Waaqa faanshessuun isinuu dhageettane. Maan isinitti fakkaata?” jedhe. Isaan deebisanee, “Inni du'uu qaba” jedhane. Yennaa san isaan fuula isaatitti tufanee tuntuumane; worri gariin kabalanee, “Masiihii! Eentu si dhowe? Nuu raagi” jedhaneen. Adoo Pheexroos ala moonaa keessa tee'iisatti jiruu, durrittiin tajaajiltuun takka gara isaa dhuttee, “Atille Yesuusii worra Galiila'aa woliin jirtaayyu!” jetteen. Inni ammoo, “Waan ati dubbatiisatti jirtuuyyuu ani hin beeku” jedhee isaan mara duratti mormate. Yennaa inni gara seensuma karraa dhaqe, durrittiin tajaajiltuun dhibiin isa dhaggitee, worra achi dhaabbateeruun, “Namichi kun Yesuusii nama Naaziretii woliin jiraayyu” jette. Pheexroos ammalle, “Ani namicha hin beeku” jedhee kakatee mormate. Yennaa diqqo'oon duuba worri achi dhaabbataneeranu dhufanee, Pheexroosiin, “Akki ati dubbattuuyyuu hin beessisa, dhugumaan atille isaan keessaa nama tokko” jedhaneen. Yennaa san inni, “Ani namicha hin beeku” jedhee ifi abaaraa kakatiisatti ka'e. Yennuma san lukkuun iyyite. Achiin duuba Pheexroos waan Yesuus, “Iyya lukku'uutiin dura, ati yennaa sad na mormatta” jedhe qaabatee, gad bayee laaleffatee booye. Barii halkaniin moototi hayyootaatii fi jaarsoleen kolba'aa marti Yesuus ijjeesisiisaaf mari'atane. Isaan Yesuus hidhanee, geessanee, Philaaxoosii bulchaa biyyaatitti dabarsanee kennane. Yihudaan isa dabarsee kenne, akka Yesuusitti murame yennaa dhagge, gaabbee meetii soddoma san mootota hayyootaatii fi jaarsolee kolba'aatiif deebisee fidee, “Nama yakkaa hin qanne dabarsee kennisaan yakkeera” isaaniin jedhe. Isaan ammoo, “Maanti nu dhibe ree? Haajaa keeti!” jedhane. Yihudaan beesee san Galma Waaqaa keessatti qolaansee gatee, isaan biraa deemee, dhaqee ifi fannise. Moototi hayyootaa ammoo, beesee san fuudhanee, “Beeseen tun gatii dhiiga namaa waan teeteef, karra Galma Waaqaatitti makuun seeraa moti” jedhane. Mari'ataneen duuba, addee awwaala worra ormaa akka teetu, namicha faara dhowu irraa lafa ittiin bitane. Sababa kanaaf latti sun haga adhaa, “Lafa dhiigaa” jedhantee waamanti. Wonni Ermiyaasiin raagichi, “Isaan meetii soddoma akka gatii isaa teetuuf, ijoolleen Israa'elii herredde fudhatte; akkuma Goottaalle ana ajajetti gatii lafaa namicha faara dhowuu kennane” jedhee dubbate muummotte. Yesuus Philaaxoosii bulcha biyyaa dura dhaabbate; Philaaxoosille, “Ati mootii Yihudootaatii?” jedhee isa gaafate. Yesuus, “Maarre atuu jette” jedheen. Inni ammoo yennaa mootota hayyootaatii fi jaarsolee kolba'aatiin himatame, deebii hin kennine. Achiin duuba Philaaxoos, “Waan hedduu isaan si himatanu ati hin dhageettuu?” jedheen. Inni ammoo jechuma tokkolle hin deebinne; tanaaf bulchaan biyyaa Philaaxoos guddoo baaseffate. Yennaa Jila Irra Dabaramaa, bulchaan biyyaa Philaaxoos worra hidhamane keessaa nama tokkocha, ka kolbaan gaafatte aadaa hiiku qaba. Yennaa san namichi hantuu hujiisaan beekkame tokko, ka Barabbaa jedhamu, hidhaa keessa jiraayyu. Maarre isaan wolitti qabamaneen duuba, Philaaxoos, “Eennu akka ani isiniif hiiku barbaaddan? Barabbaa moo yookiin Yesuus ka Masiihii jedhame” isaaniin jedhe. Philaaxoos akka isaan waan hinaattolee te'aneef dabarsanee isa kennane beekeera. Philaaxoos barcumaa mura'aa gubbaa tee'eeruun, haati manaa isaa, “Namicha balchaa san waan tokkolle hin godhin! Ani eda halkan marroo isaa oojju'uun guddoo rakkadhe” jettee ergaa itti ergite. Moototi hayyootaatii fi jaarsoleen Barabbaan akka isaanii hiikamuu fi Yesuus akka ijjeeffamu gumiin akka gaafattuuf yaada fudhachiisane. Bulchaan biyyaa Philaaxoos ammalle, “Isaan lamaan keessaa eennu akka ani isiniif hiiku barbaaddan?” jedhee isaan gaafate. Isaanille, “Barabbaa nuuf hiiki!” jedhane. Philaaxoos, “Yesuus ka Masiihii jedhame maan godhu ree?” isaaniin jedhe. Isaan martinuu, “Inni fannifamuu ti!” jedhane. Achiin duuba inni, “Maaf? Inni yakkaa maan hujeera?” jedhee isaan gaafate. Isaan ammoo, “Inni fannifamuu ti!” jedhanee iyyanee hogisane. Maarre Philaaxoos irra caalaa nageya booressiisa malee, waan tokkolle godhuu akka hin dandeenne yennaa dhagge, bisaan fuudhee, gumii duratti harka ifii dhiqatee, “Ani dhiiga nama kanaa irratti yakkaa hin qabu; isinitti itti gaafatama!” jedhe. Achiin duuba kolbaan duudiinuu, “Dhiiga isaatiif, nutii fi ijoollee teenna itti gaafattannuu ti” jedhanee deebisane. Maarre inni Barabbaa isaaniif hiike; liche'een Yesuus dhaansiseen duuba, akka fannifamuuf dabarsee kenne. Achiin duuba loltooti bulchaa biyyaa Yesuus gara mana mootumma'aatitti fuudhanee geessane; loltoota duudii adaala Yesuusiititti wolitti qabane. Isaan woyaa isaa irraa baasanee woyaa diintuu itti uffisanee, dameelee qore'eetiin kallacha hujanee mataa isaatitti keyane. Ulee harka isaa middichatti qabachiisanee, isa duratti jilbiiffatanee, “Mootii Yihudootaa, jiraadhu!” jedhaa itti taphatane. Isaan itti tufanee, uleelle irraa fuudhanee mataa isaa dhowane. Itti taphataneen duuba, isaan woyaa san irraa baasanee woyaa isaa deebisanee itti uffisane. Achiin duuba fannisiisaaf isa geessane. Isaan yennaa gad bayane, namicha biyya Qareena'aa tokko, ka Simoon jedhamu dhagganee, fannoo Yesuusii akka ba'atu hunnaan tolchane. Isaan addee Golgootaa jedhantu dhufane; “Golgootaa” jechuun “Addee buqqii mata'aa” jechu'u. Isaan dhaadhii woyni'ii hadhoottu'uun makanee, akka unuuf Yesuusiif kennane. Inni afaaniin qabe malee, hin unne. Yesuus fannisaneen duuba hixaa buufatiisaan woyaa isaa qoqoodamane. Achiin duuba isaan achi tee'anee isa eegane. Isaan barreeffama isa ittiin himatane, “Kun mooticha Yihudootaa, Yesuus” ka jedhu, mataa isaatiin gubbaa keyane. Yennaa san isaan alagaltoota lamaan, tokko midda isaatitti tokko bitaa isaatitti, isa woliin fannisane. Worri achiin dabaranu mataa ifii raasaa, “Ati ka Galma Waaqaa diiddee guyyaa saditti deebittee ijaartu, ifi fayyisi me! Ati yoo Ilma Waaqaa teete, fannoo irraa gad bu'i!” jedhaa isa arrassane. Akkasuma moototi hayyootaa, barsiisoti Seeraatii fi jarsolee woliin itti taphatanee, “Inni worra dhibii fayyiseera; mataa ifii fayyisuu hin dande'u. Inni mootii Israa'elii yoo te'e, me amma fannoo irraa gad bu'uuti; nuutille isatti hin dhugeeffanna. Inni Waaqatti addatee, ‘Ani Ilma Waaqaati’ waan jedheef, Waaqi yoo barbaade, me amma isa fayyisuuti” jedhane. Akkasuma alagaltooti isa woliin fannifamanelle isa arrasane. Orraa sa'aatii jaan jalqabee haga sa'aatii sagalii latti duudiin dukkanootte. Gara sa'aatii sagaliititti Yesuus, “Elo'ii, Elo'ii, lamaa sabaktanii?” jedhee qoonqoo guddo'oon iyye; akkas jechuun, “Waaqa kiyya, Waaqa kiyya, maaf ana lakkitte?” jechu'u. Worra achi dhaabbatanu keessaa gariin yennaa tana dhage'ane, “Namichi kun Eliyaas waamiisatti jira” jedhane. Yoosuma isaan keessaa tokkochi fiigee, ispoonjii fuudhee, daadhii woyni'ii dhangaggoottu'utti cuuphee, qaccee ule'eetitti keyee, akka inni unuuf isaaf kenne. Worri dhibiin ammoo, “Eegi me! Eliyaas dhufee akka isa fayyisu hin ilaalla!” jedhane. Achiin duuba Yesuus ammalle qoonqoo guddo'oon iyyee du'e. Yennuma san gollaan Galma Waaqaa keessaa gubba'aa haga gadii addee lamatti tarsa'e. Latti tachoote, rassaalle dadayya'e. Irreensotille banamanee, kolbaan Waaqaa ta duute keessaa worri hedduun ka'ane. Isaan irreensa keessaa bayanee, Yesuus du'aa ka'een duuba, gara qachaa woyyichaa gara Yerusaalemii galanee, worra heddu'utti mudhatane. Ajajaan dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuus eegaa turane, tacho'a lafaatii fi waan te'e yennaa dhaggane, guddoo sodaatanee, “Dhugumaan nami kun Ilma Waaqaa ti” jedhane. Dubartooti hedduun, irraa fagaatanee ilaalaa, Galiilaa irraa jalqabanee Yesuus hordofaa isa tajaajilane achi jiraniiyyu. Isaan keessa Maariyaamii qachaa Magdala'aa, Maariyaamii haadha Yaaqoobiitii fi Yoseefii, haadha ijoollee Zabdewoosii fa'atti jira. Yennaa galgalootte, namichi dureessi qachaa Armaatiya'aa, ka Yoseef jedhamu tokko, achi dhufe; innille barataa Yesuusiitiiyyu. Inni gara Philaaxoosii dhaqee reeffa Yesuusii gaafate; achiin duuba Philaaxoos reeffi akka kennamuuf ajaje. Maarre Yoseef reeffa fudhatee, woyaa qoolaa qulqullu'uun maree, goda awwaalaa haareya ta ifiif rassaa keessatti bocate keessa keye. Achiin duuba dhakaa guddaa balbala goda awwaalaatitti gangalchee, achii deeme. Maariyaamiin qachaa Magdala'aatii fi Maariyaamiin tuun goda awwaalaa fuula dura tee'iisatti jiraniiyyu. Boruyyaa, guyyaa qophi'iitiin duuba, guyyaa sanbataa moototi hayyoootaatii fi Fariisaayoti Philaaxoos duratti wolitti qabamanee, “Gootta'a, sobaalessi sun adoo jiruu, ‘Guyyaa sadiin duuba deebi'ee ka'a’ waan inni jedhe nuuti hin qaabanna. Tanaaf haga guyyaa sadiititti godi awwaalaa akka eegamu ajaji; kun te'uu dhabaannaan, barattooti isaa dhaqqanee reeffa hatanee fa'a, kolba'aan, ‘Inni du'a keessaa ka'eera’ hin jedhan; sobi duuba irraa ka duraa caalaa hamaa te'a” jedhaneen. Philaaxoos, “Worra eegu fudhadha'aa dhaqa'aatii, akka beettanutti eegachiifadha'a” isaaniin jedhe. Maarre isaan worra eegu woliin dhaqanee dhaka'atti chaappaa dhowanee, goda awwaalaa san eegisiisane. Sanbati dabareen duuba, Dilbata barii halkaniin, Maariyaamiin qachaa magdala'aatii fi Maariyaamiin tuun boolla awwaalaa ilaaliisaaf dhaqane. Ergamaan Gootta'aa ol-gubbaa irraa gad bu'ee, dhufee dhakaa boolla awwaalaa irraa gangalchee waan irra tee'eef, dedhuma tacho'i lafaa guddaan te'e. Bifi isaa akka balaqqeetti'ii, wayaan isaa akka dhakaa roobaa ti. Worri eegu ergamaa Gootta'aa waan sodaateef hollatanee akka nama du'ee te'ane. Ergamaan Gootta'aa ammoo dubartootaan, “Hin sodaatina'a; isin ka fannifame Yesuus akka barbaaddanu ani hin beeka. Inni as hin jiru; akkuma duraan dubbate du'aa ka'eera. Addee reeffi isaa keyame koya'aa ilaala'a. Amma ariifadha'aatii deema'aatii, ‘Inni du'aa ka'eera, amma isiniin dura gara Galiila'aa dhaqa; isin achitti isa hin dhaggitan’ jedha'aatii barattoota isaatitti hima'a. Kunoo, ani isinitti himeera” jedhe. Maarre dubartooti soda'aa fi gammada gudda'aan ariifatanee boolla awwaalaa keessaa bayanee, barattoota isaatitti himiisaaf rukkisane. Dedhuma Yesuus isaaniin wolde'ee, “Nageenni isiniif te'u!” isaaniin jedhe. Isaanille itti hiiqanee, miila isaa qabatanee, isaaf sagadane. Achiin duuba Yesuus, “Hin sodaatina'a; gara Galiila'aa akka dhaqanu obboleeyyan tiyyatti dhaqa'aa hima'a; isaan achitti na dhaggan” isaaniin jedhe. Dubartooti adoo karaa irra jiranuu, worra boolla awwaalaa eegu keessaa gariin gara qacha'aa dhaqanee waan te'e mara mootota hayyootaatitti himane. Moototi hayyootaa jaarsolee kolba'aa woliin wolitti dacha'anee mari'atanee, beesee guddoo loltootaaf kennanee, “Isin, ‘Barattooti isaa adoo nuuti rafiisatti jirruu halkan dhufanee reeffa isaa hatanee deemane’ jedha'aa kolba'atti hima'a. Bulchaan biyyaa yoo dubbii tana dhage'e, nuuti itti hinnee dubbii nyaachinnee, akka isin hin rakkannelle goona” jedhaneen. Maarre isaan beesee fudhatanee akkuma isaan jedhane godhane. Dubbiin tun haga guyyaa adhaatitti Yihudoota oddu'utti odeeffanti. Barattooti kudhanii tokko gara gaara Yesuus isaanitti akeekee, ka Galiilaa keessa jiruu dhaqane. isaan yennaa isa dhaggane, isaaf sagadane; worri gariin mamane. Yesuus gara isaanii dhufee, “Baalliin duudiin ol-gubba'aa fi lafa irratti anaaf kennanteerti. Tanaaf gara gosa biyya adda addaa deema'aatii maqaa Abba'aa, maqaa Ilmaatii fi maqaa Ayyaana Woyyichaatiin isaan cuuphaa, barattoota tiyya godha'a. Waan ani isin ajaje maralle akka eegatanu barsiisa'a. Anille yennaa mara haga muummee biyya lafaa isin woliin jira” isaaniin jedhe. Jalqabi Oduu Gammadaa ka Yesuus Kiristoosii Ilma Waaqaa kana. Kitaaba Isaayaasii raagichaa keessatti, “Kunoo, Ani ergamaa kiyya ka karaa si'iif qopheessu si'iin dura erga. Lafa goomole'ee keessatti nami tokko, ‘Karaa Gootta'aa qopheessa'a; daandii inni irra ideemu qajeelcha'a!’ jedhaa iyya” jedhantee akkuma barreeffante, Yohaanniisiin cuuphaan lafa goomole'ee keessatti, “Cubbuu teessan irraa deebi'aatii, cuuphama'a! Waaqille cubbuu teessan isiniif hin araarama” jedhaa lallabaa dhufe. Kolbaan biyya Yihuda'aatii fi qachaa Yerusaalemii martinuu gara Yohaannisii dhaqanee, cubbuu ifii dhugaa baasanee, laga Yordaanosiititti harka isaatitti cuuphamane. Yohaannis uffana rifeensa gaalaatiin dhowame uffatee, hidha ifiille teephaan hidhatee, awwannisaa fi damma hollaa nyaataa ture. Inni, “Ka ana caalu na duubaan dhufaara; ani gad jedhee hidhaa kophee isaalle hiiku'uuf nama te'uu moti. Ani bisaaniin isin cuupha; inni ammoo Ayyaana Woyyichaan isin cuupha” jedhee lasse. Eegi san adoo hin turin Yesuus, qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu dhufee, laga Yordaanosiititti harka Yohaannisiititti cuuphame. Akkuma Yesuus bisaan keessaa bayeen, ol-gubbaan saaqantee, Ayyaanni Woyyichi saphaliisa fakkaatee dhufee isa irra bu'uun dhagge. Ol-gubbaa irraa, “Ati ilma kiyya ka ani jaaladhu; ani si'itti gammadeera” qoonqoon jettu dhage'ante. Yennuma san Ayyaanni Waaqaa aka Yesuus gara lafa goomolle'ee dhaqu tolche. Yesuus lafa goomolle'ee keessa guyyaa afurtama Seexanaan ataabamaa ture. Achitti bineensotaan woliin ture; ergantooti Waaqalle isa tajaajilane. Yohaannisiin cuuphaan gara mana hidha'aa dabarfamee kennameen duuba, Yesuus gara Galiila'aa dhufee, Oduu Gammadaa ta Waaqa irraa dhutte lallabe. Inni, “Barri muummayeera, mootummaan waaqaa dhi'aatteerti, cubbuu irraa deebi'aatii Oduu Gammadaatitti dhugeeffadha'a!” jedhe. Yesuus Abbaayaa Galiila'aa qarqaraan adoo dabaruu, guurtuu qurxummi'ii ka te'ane Simoonii fi Indiryaasiin obboleessi Simoonii caccoo tiyyoo Abbaaya'atti afanuun dhagge. Inni isaaniin, “Ana faana kowa'a! Ani guurtuu namaa isin tolcha” jedhe. Isaanille yennuma san caccoota ifii achitti dhiisanee, isa faana deemane. Yesuus haga diqqoo ideemee, ilmaan Zabdeewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis, hoboloo ifii keessatti caccoota ifii mimiidhaffatanuun dhagge. Inni akkuma dhaggeen isaan waame; isaanille abbaa ifii Zabdeewoos hojjattoota woliin hoboloo keessatti lakkisanee Yesuus faana deemane. Yesuusii fi barattooti isaa gara qachaa Qifirnaahoomii dhaqane; guyyaa Sanbataa itti aanuu Yesuus Mana Waaqeffannaa Yihudootaa seenee barsiise. Yesuus akka barsiisota Seera Muuse'ee adoo hin te'in, akka nama baallii qabuu waan isaan barsiiseef worri barsiisiisa isaa dhage'ane maraa akka Inni itti barsiise jajane. Yennuma san namichi ayyaana hama'aan qabameeru tokko Mana Waaqeffannaa Yihudootaa seenee, “Yesuusii nama Naaziretii, haajaa maan nu woliin qadda? Nu balleessiisaaaf dhuttee? Ani ebeluu keeti hin beeka; ati Woyyicha Waaqaa ti!” jedhe iyye. Yesuus ayyaanaa hamaa'an “Cadhisi! Keessalle'ee bayi” jedhee xixe. Ayyaan hamaan sun namicha gajassisee, qoonqoo guddo'oon iyyee keessaa baye. Kolbaan martinuu guddoo maadeffattee, “Wonni akkasii kun maan? Kun barnoota haareya! Inni ayyaanoota hamoota ajajiisaafille baallii qaba; isaanille isaaf hin ajajaman” jettee wol woliin dudubbatte. Gurri isaa adoo hin turin lafa Galiila'aa duudii keessatti addee maratti dhage'ame. Yesuus Mana Waaqeffannaa Yihudootaatii akkuma bayeen, Yaaqoobii fi Yohaannis woliin mana Simooniitii fi Indiryaasii dhaqe. Yenna inni achi gewu haat-sodda'aa ta Simoonii dhukkuba nafa o'isuun dhibantee irkatteetti; yoosuma dhibee isi'ii tana isatti himane. Yesuus itti dhikaatee, harka isi'ii qabee ol isii kaase; dhukkubi nafa o'isu sun isii lakkise; isiille isaanii areerte. Galgala san aduun seenteen duuba, worra dhibamanee fi worra durriisotaan qabamane maraa gara isaa fidane. Kolbaan qachaa sanii martinuu balbala duratti wolitti qabante. Yesuus kolbaa hedduu ka dhukkuba adda addaatiin dhibante fayyise. Inni durriisota hedduulle baase; ammoo durriisoti ebeluu isaa waan beekaneef, akka isaan waan tokkolle hin dubbanne dhoogge. Barii halkaniin, boruun adoo hin diimatin Yesuus ka'ee, manaa gad bayee addee nami hin jirre dhaqee, achitti daadimate. Simoonii fi worri isa woliin turane ammoo Yesuus barbaassa bayane. Isaan yennaa isa dhaggane, “Namooti martinuu si barbaadiisatti jiran” jedhaneen. Yesuus ammoo, “Wonni Ani dhufeef lallabiisaaf waan te'eef, ka'aa gara olloota nu'utti aananuu dhandha, ani achille'etti lallabu'uu male” isaaniin jedhe. Maarre, Yesuus lafa Galiila'aa maraa keessa deddeemee, manoottan waaqeffannaa Yihudootaa keessatti lallabee, durriisotalle baase. Namichi dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeeru tokko gara Yesuusii dhufee, miilatti jigee, “Yoo fedha keeti te'e ana fayyisuu hin dandeetta” jedhee isa kadhate. Yesuus isaaf gaddee harka diriirfatee isa qabee, “Hin fedha, fayyi!” isaan jedhe. Yennuma san dhukkubi goga'aa farrisiisaan namicha lakkisee, namichi fayye. Achiin duba Yesuus namichaan, “Beekkadhu! Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii hayyichatti ifi mudhisi; akka ati fayyite, nami mara akka beekuuf, fayyuu keetiif, qodha Muuseen ajaje kenni!” jedhee, jabeessee, seeree, isa erge. Namichi ammoo achii deemee, akkuma dhagge haasowee oduu biyyaan geye. Kanaaf Yesuus addee qoommi'iititti ture malee, qaaleyaan gara qacha'aa seenu'uuf hin dandeenne. Kolbaan ammoo addee maraa gara isaa dhutte. Guyyaa diqqa'aan duuba Yesuus Qifirnaahoomitti deebi'ee gale; kolbaan akka inni galee mana jiru dhageette. Kolbaan hedduun haga manni dhiphatee, balbala duraan woliin addee dhabanutti wolitti qabante. Adoo Yesuus jecha Waaqaa isaan barsiisiisatti jiruu, jarri tokko nama afur te'anee, namicha nafa laashoweeru tokko ba'atanee gara Yesuusii fidanee dhufane. Kolbaan waan heddatteef gara Yesuusii dhiyeessuu dadhabanee, addee inni jiru gubba'aan heellichoo manaa xaranee qowa baasanee, itillee woliinuu gad buusane. Yesuus dhugeeffannaa isaanii dhaggee, namicha nafa laashoween, “Ilma kiyya, cubbuu teeti maraaf araarri kennameera” jedhe. Barsiisoti Seera Muusse'ee ka achi tetee'aneeranu tokko tokko, “Namichi kun attam akkana dubbata? Kun Waaqa faanshesiisa! Waaqa tokkocha malee eennutti cubbuu namaaf araaramu'uu dande'a?” jedhanee gadhaa ifii kessaatti yaadatane. Yesuus yennuma san waan isaan yaadatane nyaba'aan beekee, “Isin maaf waan akkanaa kana yaadattan? Namicha nafa laashoween, ‘Cubbuu teetiif araarri kennameera’ jechu'u moo yookiin, ‘Ol ka'ii, itillee teeti fudhadhuutii deemi’ jechu'utti kaso'o? Ani Ilmi namaa lafa irratti baallii cubbuu namaaf araaramu akka qabu akka beettanu” jedhee, namicha nafa laashoween, “Ani si'iin jedha, ol ka'i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi” jedhe. Adoo isaan maraa dhagganuu, yennuma san namichi ol ka'ee itillee ifii fudhatee gad bayee deeme. Isaan martinuu guddoo baaseffatanee, “Waan akkanaa kana ijjumaa dhagginee hin beennu” jedhaa Waaqa leellisane. Ammalle Yesuus gara qarqara abbaayaa Galiila'aa dhaqe. Gumiin guddoon gara isaa dhuttee, inni isaan barsiise. Inni karaa saniin adoo dabaruu, Lewwii ilma Alfewoosii addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, “Na hordofi” jedheen. Innille ka'ee isa hordofe. Eega san Yesuus mana Lewwi'iititti sagalee areerratiisatti jiraayyu. Namooti hedduun waan isa hordofaneeranuuf, worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin hedduun Yesuusii fi barattoota isaa woliin sagalee areerratiisaaf qori'itti hiiqanee tetee'aneeraniiyyu. Worra Fariisaayota keessaa barsiisota Seera Muuse'ee ka te'ane, Yesuus worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin areerratuun dhagganee, “Maaf inni worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin areerrata?” jedhanee barattoota isaa gaafatane. Yesuus waan kana dhage'ee, “Namoottan fayyaa hin qanneef malee, fayyaaleyyi'iif ogeessi hin barbaachisu. Ani cubbaaleyyii waamiisaaf malee, balchoota waamiisaaf hin dhunne” isaaniin jedhe. Guyyaa tokko barattooti Yohaannisiitii fi Fariisaayoti yennaa laamanu, jarri tokko gara Yesuusii dhufanee, “Barattooti Yohaannisiitii fi barattooti Fariisaayotaa hin laaman. Barattooti teeti ammoo maaf laamuu dhaban?” jedhanee isa gaafatane. Yesuus ammoo deebisee, “Jaaloti waajibaa, adoo inni isaan woliin jiruu hin laamanii? Haga inni isaan woliin jiru hin laamanu. Ammoo guyyaan waajibichi isaan biraa fudhatamu hin dhufa; isaan guyaa san laaman. Woyaa dullati'itti erbee haareya eennulle hin erbu; yoo erbe, erben haaretti sun woyaa dullattii san shuntuurrachiittee hin tarsaatti; tarsa'iisi isi'ille ka qaraa ka caalu te'a. Akkasuma daadhii Woyni'ii ta hin bayin qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu; yoo naqe daadhiin sun qalqalluu san hin dhoochi; daadhi'ii fi qalqalluulle hin badan. Tanaa mannaa daadhiin hin bayin qalqalluu haareyatti naqamuu qadd” isaaniin jedhe. Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabaruun, barattooti isaa adoo isa woliin ideemanuu qamadii bubuqqifatiisa jalqabane. Fariisaayoti Yesuusin “Ilaali, barattooti teeti guyyaa Sanbataatiin akka hin tolchine Seeraan waan dhooggame maaf tolchan?” jedhane. Yesuus deebisee, “Daawwit waan nyaatu dhabee, yennaa innii fi worri isaa woliin jiranu beelowane, waan inni tolche isin ijjumaa hin dubbinnee? Bara Abiyaatar Hayyicha Guddaa te'eerutti, mana Waaqaa seenee daabboo Waaqaaf kennante, hayyoota qofaaf ka Seerri kennu nyaatee, worra isa woliin jiranuufille kenne” isaaniin jedhe. Achiin duuba Yesuus “Sanbatattuu namaaf dadame malee, nami Sanbataaf hin dadanne. Maarree Ani Ilmi Namaa Sanbataafille Gootta'a” isaaniin jedhe. Achiin duuba Yesuus deebi'ee gara Mana Waaqeffannaa Yihudootaa dhaqe; namichi harki isaa naafateeru tokko achi jiraayyu. Jarri Yesuus himachuu fedhanee, guyyaa Sanbataatiin akka inni isa fayyisu gaadanu tokkolle achi jiraniiyyu. Yesuus namicha harka naafateeruun, “Ka'iitii nama dura dhaabbadhu!” jedhe. Achiin duuba jaralle'een, “Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin dansa'a moo hantuu tolchuu, yookiin lubbuu fayyisuu moo ijjeesuu nu ajaja?” jedhe. Isaan ammoo cadhisane. Yesuus worra cinaa isaa marseeru ila aari'ittiin ilaale; ammoo mataa jabeenna isaaniitiifille gadde. Achiin duuba namichaan, “Harka kee diriiffadhu!” jedhe. Yennaa namichi harka ifii diriiffate, harkille deebi'ee fayye. Maarre worri Fariisaayotaa gad bayanee, yennuma san golii Heroodisii woliin attamiin akka isa ijjeesanu mari'atane. Yesuus barattoota ifii woliin gara cinaa abbaayaa Galiila'aa deeme. Gumiin guddoon Galiila'aa, biyya Yihuda'aatii, qachaa Yerusaalemiitii, biyya Edoomiya'aatii, biyya Yordaanosiin gamaa ka gara aduun baatuutii, adaala qachoota Xiroosiitii fi Sidooniitii, waan Yesuus hujaa ture mara dhageettee gara isaa dhutte. Gumiin guddoo sun akka isa hin cifanneef, akka hoboloo isaa qopheessanu barattoota ifiititti hime. Inni kolbaa hedduu waan fayyiseeruuf, worri dhukkuba gara garaa qabanu maraa isa harkaan qabatiisaaf gara isaa wol dadarbane. Ayyaanoti hamooti namoota keessa jiranu yennuma isa dhaggane maraa, fuula isaa duratti jiganee, “Ati Ilma Waaqaa ti” jedhanee iyyane. Yesuus ammoo ayyaanoti hamooti akka ebeluu isaa eennulle'etti hin hinne jabeessee ajaje. Yesuus gara gaaraa ol bayee, worra barbaade gara ifii waame; isaanille gara isaa dhufane. Achiin duuba Inni akka isaan Isa woliin te'anu, Oduu Gammadaa lallabiisaaf akka ergamanu, durriisota baasiisaafille baallii akka qabaatanu namoota kudhanii lamaan filatee, “Ergantoota” jedhee moggaase. Worri kudhanii lamaan Inni filatelle, Simoonii Inni “Pheexroos” jedhee moggaase, Yaaqoobii fi Yohaannisii ilmaan Zabdewoosii, worra Inni “Bo'anerges” jedhee moggaase; akkasi jechuulle, “Ilmaan Mandiisu'uu” jechu'u. Indiryaas, Filiphoos, Bartolomewoos, Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoos, Simoonii “Hinaatticha” jedhamee beekkamee fi Yihudaa nama qachaa keeriyootii, ka isa dabarsee kenne. Achiin duuba Yesuus gara manaa yennaa gale, haga innii fi barattooti isaa sagaleelle nyaachuu dadhabanutti gumiin ammalle wolitti qabante. Kolbaan, “Inni maraateera” waan jetteef, firoottan isaa kana dhage'anee isa qabiisaaf dhufane. Barsiisoti Seeraa worri Yerusaamii dhufane ammoo, “Bi'el Zebul isa keessa jira! Inni hunna mooticha durriisotatiin durriisota baasa” Yesuusiin jedhane. Jennaan Yesuus gara ifii isaan waamee, “Attamiin Seexanni Seexana baasu'uu dande'a? Mootummaan takka yoo ifi falamtee gargar ifi qoodde, mootummaan sun hin diiganti. Maatiin takka yoo ifi falamtee gargar ifi qoodde, maatiin sun hin xexeeranti. Maarre Seexaanille ifi falamee, yoo ifi gargar qoode, sun badii isaati malee dhaabbachu'uuf hin dande'u. Eennulle duraan dursee namicha jabaa yoo hidhe malee, mana nama jabaa tokkoo seenee meya isaa saamu'uuf hin dande'u; hidheen duuba ammoo mana isaa samu'uuf hin dande'a. “Ani dhugumaan isinitti hima, cubbuun maraa fi dubbiin arrabaa marti afaan namaa keessaa yoo baate, ilmaan namaatiif araarri hin kennama. Eennulle Ayyaana Woyyichaan mormee dubbii arrabaa yoo dubbate ammoo, yakkaamessa cubbuu barabaraa te'a malee, ijjumaa araara hin dhaggatu” jedhee isaanitti mammaake. Yesuus sababa kolbaan, “Inni ayyaana hamaa qaba” jetteertuuf akkana jedhe. Achiin duuba haati Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa dhufanee ala dhaabbatanee, itti erganee isa waansisane. Gumiin cinaa isaa marsitee teetteertu Yesuusiin, “Kunoo, haati teetii fi obboleeyyan teeti ta dhiiraatii fi ta durraa alaa si barbaadiisatti jiran” jedhane. Yesuus deebisee, “Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya eennu fa'a?” isaaniin jedhe. Inni gara worra isa marsee te'eeru midhatee, “Kunoo, haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya worra as jiranu kana! Fedhii Waaqaa ka muummessu eennuuyyuu obboleessa kiyya, obboleetii tiyya, haadha tiyyalle'e” jedhe. Yesuus cinaa Abbaayaa Galiila'aatitti ammalle barsiisuu jalqabe. Gumiin sonaan guddo'oo isa biratti wolitti qabantee jennaan, Yesuus hoboloo yaabee Abbaayaa gubba'atti keessa tee'e. Gumiin sun maraa ammoo lafa irra qarqara abbaayaa sanii dhaabbateertiiyyu. Yesuus waan hedduu isaan barsiisiisaaf itti mammaakee: “Caqasa'a! Namichi tokko midhaan facaasu'uuf baye. Adoo inni facaasuu, midhaan gariin karaa qarqara harca'e; sinbirreelle dhuttee qocattee nyaatte. Gariin ammoo lafa dhakittii, lafa biyyee guddoo hin qanne irra harca'e; lafi inni irra harca'e biyyee gad fageenna waan hin qanneef ariifatee mudhe. Yennaa aduun itti baate ammoo qoore; hidda gad fago'oo waan hin qanneef goge. Gariin qoree keessa harca'e; qoreelle guddattee isa huute; inille midhaan hin buunne. Gariin ammoo biyyee dansaa keessa harca'e; innille mudhee, guddatee, midhaan buuse: gariin midhaan soddoma, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan dhibba buuse! ” jedhe. Achiin duuba Yesuus, “Gurra dhage'u ka qabu dhage'uu ti” jedhe. Yennaa Yesuus qofi jiru, worri adaala isaa jiranu fi barattooti kudhanii lamaan waan mammaassa kanaa isa gaafatane. Yesuus deebisee, “Dhossaan mootummaa Waaqaa isiniif kennanteerti; worra ala jiruuf ammoo wonni maraa mammaassaan himama. Wonni himamuufille, ‘Isaan ilaalanee ilaalaneelle, ijjumaa akka hin dhaggine; dhage'anee dhage'aneelle, ijjumaa akka hin hubanne; gara Waaqaa deebi'anee innille isaaniif akka hin araaranneefii’ ” isaaniin jedhe. Achiin duuba Yesuus isaaniin, “Mammaassi kun isiniif hin galuu? Eegasuu attamiin mammaassa dhibii hubattan ree? Namichi facaasu jecha Waaqaa facaasa. Midhaan karaa qarqara harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa akkuma dhage'aneen, Seexaanni dhufee jecha dhage'ane san isaan keessaa fudhatuu ti. Midhaan lafa dhakiti'itti harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa akkuma dhage'aneen gammadaan fudhatanuu ti. “Ammoo isaan hidda gad fago'oo hin qabanu; yenna'aaf hin dhaabbatan; sababa jecha Waaqaatiif rakkinni yookiin miidhaan yennaa ka'u yoosuma jigan. Midhaan daggala qore'ee keessatti harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa caqasuu ti. Ammoo yaaddoon waan lafa tanaa, badhaadhi durumma'aa, halchaan waan adda addaa itti seentee, jecha Waaqaa huutee midhaan adoo hin buusin hafan. Midhaan lafa dansaa keessatti harca'e ammoo, fakkeenna worra jecha Waaqaa dhage'ane fudhatanee, gariin midhaan soddoma, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan dhibba buusanuu ti” jedhe. Yesuus itti aansee, “Nami ifa fidee qorii jala yookiin taqee jala hin keyaa? Addee mudhatutti fannisaa motii? Wonni dhokateertu yoo jiraatte, gara mudhattutti hin baati; wonni dhosa'aa yoo jiraatte, gara ifaatitti hin baati. Nami gurra dhage'u qabu dhage'uu ti” isaaniin jedhe. Yesuus itti dabalee, “Waan dhageettanu qalbeeffadha'a! Waan namaaf ittiin safartanutti isinille'eef hin safarama; caalchifameelle isiniif hin kennama. Nama wo qabuuf, itti dabalamee hin kennamaaf; nama womaa hin qanne ammoo, ka inni qabuuyyuu isa irraa hin fudhatama” isaaniin jedhe. Yesuus itti aansee, “Mootummaan Waaqaa nama ficha'atti midhaan facaasee fakkaatti. Namichi galee halkan hin rafa, guyyaa hin ka'a; midhaan sun ammoo adoo inni hin beekin mudhee guddata. Biyyeen ifumaan akka midhaan latee guddatu gooti; dursee mudhee obba, itti aansee daraara, achiin duuba midhaan buusa. Yennaa midhaan sun bilchaate, haammaan waan geetteef, yennuma san inni haantu'uun haama” jedhe. Yesuus ammalle, “Mootummaa Waaqaa maaniin wol fakkeessina? Yookiin mammaassa kamiin isii hinna? Isiin akka midhaan Sanaafici'ii ti. Midhaan isi'ii yennaa lafatti facaafamu midhaan biyya lafaa maraa irra hin diqqaata. Inni yennaa facaafame, latee hin guddata; waan ficha'atti facaafame maraa irra ka caalu te'a; dameelee gugurdoo hin baasa. Sinbirreen dhuttee gaddisa damee isaa jalatti mana ijaarratti” jedhe. Yesuus mammaassa hedduu ka kana fakkaatuun haga hubantii isaaniititti jecha isaanitti hime. Inni mammaassaan malee isaanitti hin dubbanne; ammoo yennaa barattoota ifii woliin qofi jiru, waan maraa isaanii hiike. Yesuus gaafuma san galgala barattoota ifiitiin, “Ka'aa, gara abbayya'aan gamaa buunaa” jedhe. Barattooti isaa gumii achi jirtu lakkisanee, akkuma inni duraanuu hoboloo keessa tee'eeruun Yesuus fuudhanee deemane; hobolooti dhibiille woliin deemane. Dedhuma bubbeen bubbittee, danbaliin bisaanii hobolo'otti dhangalaatee guutiisa geette. Yesuus hoboloo san keessa gara duubaatiin boraafatee rafeeraayyu. Barattooti isaa isa dammasanee, “Barsiisa'a! Yoo nu dhumannu womaa si hin dhibuu!” jedhane. Yesuus dammaqee bubbee saniin, “Cadhisi!” jedhee xixe. Danbalii bisaaniitille'een, “Sarmi!” jedhe. Bubbeen cadhinnaan, cadheessi guddaan te'e. Achiin duuba barattoota ifiitiin, “Maaf guddoo sodaattane? Haga ammaa dhugeeffannaa hin qaddanuu?” jedhe. Isaan ammoo guddoo sodaatanee, “Ka bubbe'ee fi danbaliille isaaf ajajamanu kun eennu inni?” woliin jedhane. Yesuusii fi barattooti isaa Abbaayaa Galiila'aatiin gama, gara biyya Gergeesa'aa dhufane. Akkuma Yesuus hoboloo irraa bu'een, namichi ayyaanni hamaan qabeeru tokko addee goda awwaalaa keessaa bayee gara isaa dhufe. Namichi kun hirreensotaa odduu le'eera; eennulle wodaroo sibiilaatiinille isa hidhuu hin dandeenne. Inni yennaa hedduu wodaroo sibiilaatii fi sibiila miilaatiin hidhamaa ture; ammoo wodaroo sibiilaa ifi irraa kukutaa, sibiila miilaalle butuchaa ture. Kanaaf nami tokkolle gad isa qabuu hin dandeenne. Namichi yennaa maraa halkanii fi guyyaa odduu hirreensotaatitti yookiin gaara gubbaa dhaqee iyyaa, dhakaalle'een ifi duguugaa ture. Inni fago'otti Yesuus dhaggee, gara isaa fiigee, duratti jilbiiffatee, iyyee lallabee, “E! Yesuus Ilma Waaqa Ol Aana'aa! Maan na irraa qadda? Ani si kadhadhaa, magannee Waaqaa na hin rakkisin!” jedhe. Yesuus isaan, “Ati ayyaana hama'a, namicha kana keessaaa bayi!” waan jedheeruuf, inni akkana jedhe. Yesuus, “Maqaan kee eennu?” jedhee isa gaafannaan, inni, “Maqaan kiyya duula; nuuti baca'a” jedhee deebise. Ammalle inni ayyaana hamaa bacaa san adaala godina saniitii akka hin baanneef, jabeessee Yesuus kadhate. Yennaa san, adaala san roga gaaraa irra, booyyeen hedduun bobbaattee dheediisatti jirtiiyyu. Maarre ayyaanoti hamooti sun, “Booyyota sanitti akka galluuf itti nu ergi!” jedhanee Yesuus kadhatane. Innille akka isaan itti galanuuf eeyyame. Ayyaanoti hamooti namicha keessaa bayanee booyyota sanitti galane. Booyyoti hedduun ta haga kuma lamaaniititti laakkowantu sun, roga qile'ee irraa gad gara abbaaya'aa oriitee liqinfante. Worri booyyee tissanu baqatanee, oduu tana worra qachaa keessaatii fi worra adaala saniititti odeessane. Namooti waan te'e kana ilaalu'uuf dhufane. Yesuus bira yennaa geyane, namichi duula ayyaana hama'aatiin qabamee ture sun woyaa uffatee, qalbiin deebitee achi te'eeruun dhagganee sodaatane. Worri dhagane sun, waan namichi ayyaanni hamaan keessa ture sunii fi booyyoti maan akka te'ane kolba'atti odeessane. Achiin duuba isaan akka Yesuus adaala biyya isaaniitii deemuuf gaafatane. Yesuus achii deemiisaaf adoo hoboloo yaabiisatti jiruu, namichi ayyaana hama'aan qabameeru sun, “Ani si woliin deema” jedhee isa kadhate. Yesuus ammoo didee, “Gara manaa keetii deebi'ii gali; waan guddoo attamii Goottaan akka si'iif godhe, attam akka inni si'iif arjoome worra keetiif himi!” isaan jedhe. Maarre namichi deemee, biyya qachoota kudhan jedhantu keessatti, waan guddoo Yesuus isaaf godhe maraa odeesse. Worri dhage'ane marraayyuu jajane. Yesuus deebi'ee hobolo'oon gara abbaaya'aan gamaa qaxxaamure. Yennaa inni qarqara abbaaya'aa jiru, gumiin guddoon isa biratti wolitti qabante. Bulchitoota Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessaa namichi tokko, ka maqaan isaa Yaayiroos jedhamu dhufee, yennaa Yesuus dhagge, miila isaatitti gad jigee, “Intalti tiyya diqqayyitiin dhukkuffattee du'iisa geetteerti. Akka isiin fayyituuf maganne'ee koyiitii harka kee isii irra keyi!” jedhee jabeessee kadhate. Achiin duuba Yesuus Yaayiroos woliin deeme. Namooti hedduun isa gula deemanee gara maraanuu isa dhiphisane. Dubartiin woggaa kudhanii lamaa dhiigi isi'ii jigaa rakkattu takkalle achi jirtiiyyu. Ogeessaan adoo cidhoommattuu guddoo rakkattee, waan qaddu maraa kanuma irratti fixxe. Dhibeen ammoo ittuma hammaatte malee hin goonne. Gurra Yesuusii yennaa dhageette, gumii san odduu, dudda isaa duubaan dhuttee woyaa isaa tuxxe. Isiin, “Woyuma isaalle yoo tuqe ani hin fayya” jedhaa gadhaa ifiititti yaadataa turte. Yennuma san dhiigi isi'ii lola'uu lakkisee, dhibee ifii irralle'ee akka fayyite itti dhage'ame. Yesuus yennuma san hunni fayyittu isa keessaa akka baate beekee, gumii oddu'utti ifi irra garagalee, “Eentu woyaa tiyya tuqe?” jedhee gaafate Barattooti isaa, “Akka gumiin si dhiibiisatti jirtu adoo dhaggituu, ‘Eentu na tuqe?’ jettee gaafattaa?” isaan jedhane. Yesuus ammoo nama isa tuqe dhaggiisaaf cinaa ifii ilaale. Dubartittiin waan isi'iif godhame hubattee, sodaataa hollataa dhuttee miila Yesuusiititti jiddee, dhugaa jirtu maraa isatti hinte. Yesuus isi'iin, “Ee intala tiyya, dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi; dhibee teeti irralle'ee fayyi” jedhe. Adoo Yesuus kana dubbatiisatti jiruu, namooti gariin mana Yaayiroosii bulchaa Mana Waaqeffannaa Yihudootaatii dhufanee, “Intalti teeti duuteerti. Yoona maaf barsiisaa rakkitta?” isaan jedhane. Yesuus ammoo, waan dubbatame san tuffatee, bulchaa Mana Waaqeeffannaa Yihudootaa saniin, “Hin sodaatin, dhugeeffadhu malee!” jedhe. Yesuus: Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannisii obbooleessa Yaaqoobii malee, nami tokkolle isa gula mana namichaa akka dhaquuf hin barbaanne. Gara mana bulchaa sanii yennaa geyane, Yesuus namoota caancanuu fi boyaa wiiccifatanu dhagge. Inni mana seenee, “Maaf caancitanee boottan? Intalti rafiisatti jirti malee, hin duune” isaaniin jedhe. Isaan ammoo itti kollane. Achiin duuba inni isaan maraa gara alaa yaasee, abbaa, haadha intalaatii fi barattoota ifii sadiin fudhatee, addee intalti jirtu seene. Harka isi'ii qabee, “Xaliitaa quumii!” jedheen; akkas jechuun “Intala diqqayyoo! Ol ka'i!” jechu'u. Intaltille yoosuma kaatee asii fi achi deente. Isiin intala woggaa kudhanii lamaa ti. Yennaa san isaan akka malee baaseffatane. Yesuus ammoo, akka isaan eennulle'etti hin hinne jabeessee seere. Achiin duuba “Waan nyaattu isi'iif kenna'a!” jedhe. Yesuus addee san lakkisee, gara qachaa ifii itti guddatee barattoota ifii woliin dhaqe. Guyyaa Sanbataa, Mana Waaqeffannaa Yihudootaatitti barsiisuu jalqabe. Namooti hedduun achi jiranu, yennaa isa dhage'ane jajanee, “Wonna kana mara inni attam dande'ee huja? Baasota kana huju'uuf qarumma'aa fi hunna akkasii inni eessaa dhaggate? Inni ilma Maariyaami'ii ka muka bocuu motii? Obboleeyyan isaalle Yaaqoob, Yoseef, Yihuda'aa fi Simoon fa'aa motii? Qachaa keenna keessa ammaa tanalle le'anii motii?” jedhanee isa tuffatanee, isa fudhatiisa didane. Yesuus ammoo, “Raagaan tokko, addee dhibi'itti malee, biyya ifii, firoottan ifiitii fi maatii ifii keessatti ulfinna hin qabu” isaaniin jedhe. Yesuus worra dhibameeru diqqaa tokko irra harka ifii keyee fayyise malee, baasota dhibii achitti hujiisaaf hin dadeenne. Dhugeeffannaa dhabuun kolba'aa isa maadeffachiitte. Yesuus olloota adaala sanii mara keessa dhaqee barsiise. Achiin duuba inni ergantoota kudhanii lamaan gara ifii waamee ayyaanota hamoota irratti baallii isaaniif kennee, lamaan lamaaniin isaan erge. Inni isaaniin, “Ideemiisa kara'aatiif ulee malee, galaa, subba, beesee marxo'otti, waan tokkolle hin qabatina'a. Kophee keyadha'a; woyaa uffatane malee ta dhibii hin qabatina'a. Yennaa keessummummaa manatti isin fudhatane, haga qachaa sanii deentanutti manuma san keessa tura'a. Yoo qachaa kolbaan isin hin fudhanne yookiin isin hin dhageenne dhaxxane, akka beessisa isaanitti teetu yennaa achii deentanu bukuu miila keessanii dhodhowadha'a” jedhe. Maarre ergantooti deemanee, kolbaan cubbuu irraa akka deebitu himiisa jalqabane. Isaan ayyaanota hamoota hedduu baasanee, worra dhibamaa hedduulle zayitii issanee fayyisane. Gurri Yesuusii addee maratti waan beekkameeruuf, Heroodisiin mootichi waan isaa dhage'e. Worri gariin, “Yohaannisii cuupha'atti ka'eera; hujiin baasaa tun isaan hujatanti” jedhane. Worri kuun, “Inni Eliyaas” jedhane; kuun ammoo, “Inni raagichuma akka raagota durii ti” jedhane. Heroodis gurra Yesuusii yennaa dhage'e ammoo, “Yohaannisii ani morma isaa mursiisettuu du'aa ka'e” jedhe. - Heroodis wosoo ifii Heroodiyaas niitii Filiphoosii fuudheeraayyu. Yohaannis ammoo isaan, “Wosoo teeti fuudhuun seeraa moti!” waan jedheeruuf, inni isii gammachiisu'uuf, Yohaannis qassiisee mana hidha'aatitti hiisise. - Heroodiyaas Yohaannisitti haloonfattee, isa ijjeesisiisaaf barbaadde. Yohaannis nama balcha'aa fi woyyuu akka te'e beekee, Heroodis isa sodaatee waan eessisaa tureef, isiin ammoo isa ijjeesiisu'uuf hin dandeenne. Heroodis yennaa dubbii Yohaannisii dhage'e gadhaa lama te'e. Te'ulle inni yennaa hedduu gammaadaan isa caqasaa ture. Heroodis guyyaa jila qaabbii dhaloota ifiitiif jedhee qondaaltota gugurdoo biyya ifii, dura aantota worra woraanaatii fi Galiilaa keessatti worra beekkamaneef waamicha godhe irratti, Heroodiyaas karaa dhaggatte. Intalti Heroodiyaasii ol seentee yennaa sirbite, Heroodisii fi keessummoota isaa gammachiitte. Heroodisille intalaan, “Waan barbaadde mara na gaafadhu; ani si'iif hin kennaa!” jedhe. Ammalle, “Wol qixxee mootummaa tiyyaalle, waan ati na gaafatte mara si'iif hin kenna” jedhee kakate. Maarree intalti gad baatee, “Maan gaafadha?” jettee haadha ifii gaafatte. Haati ammoo, “Mataa Yohaannisii cuupha'aa” jettee deebiteef. Yennuma san intalti gara Heroodisii ariifattee deebitee, “Ammuma tana mataa Yohaannisii cuupha'aa qori'itti akka ati anaaf kennitu barbaada” jetteen. Waan kanaaf Heroodis akka malee gadde; ammoo keessumoota ifii duratti kakuu waan galeef jedhee, dubbii isi'ii diduu hin barbaanne. Yennuma san Heroodis eedduu keessaa lolticha tokko ergee, mataa Yohaannisii akka fiduuf ajaje. Loltichi sun dhaqee mana hidha'aa keessatti mataa Yohaannisii irraa kute. Achiin duuba mataa isaa san qorii keessa keyee fidee intalatti kenne; intaltille haadha ifiititti kennite. Barattooti isaa waan kana yennaa dhage'ane reeffa isaa fuudhanee awwaalane. Ergantooti gara Yesuusii yennaa deebe'ane, waan hujanee fi waan barsiisane mara isatti himane. Namooti hedduun kuun dhufaa kuun deemaa waan jiranuuf, Yesuusii fi barattooti isaa yennaa areeratanulle dhabane. Tanaaf inni isaaniin, “Ka'aa mee takkaa addee qoomi'ititti baaneen foorfattanii” jedhe. Maarre isaan hobolo'oon qofuu addee qoommi'ii dhaqane. Namooti hedduun ammoo isaan deemaaranuun dhagganee hubatane; worri qachoota mara keessaa dhufane miilaan fiiganee isaaniin dura achi geyane. Yesuus qarqara bisaaniititti hoboloo keessaa yennaa baye, gumii guddoo ta akka hoolota tissee hin qannee fakkaattu dhaggee isi'ii gadde. Maarre inni waan hedduu isaan barsiisiisa jalqabe. Yennaa latti gagalootte barattooti isaa gara isaa dhufanee, “Addeen tun urma, lattille dhiitteerti. Gumiin tun gara olla'aa fi oorruu as aananuu kana dhaqanee, waan nyaatanu akka bitatanuuf gad lakkisi!” jedhane. Yesuus deebisee, “Isin waan nyaatanu isaaniif kenna'a!” jedhe. Isaan ammoo, “Dhandhee mindaa gara woggaa tokkootitti dhikaatuun daabboo binnee isaanii kenninaa ree?” jedhanee gaafatane. Jennaan inni, “Daabboo meeqa qaddan? Dhaqa'aatii ilaala'a!” isaaniin jedhe. Isaan meeqa akka teete beekaneen duuba, “Daabboo xaltaa lama” jedhaneen. Yesuus akka isaan namoota maraa cinna cinnaan marra bisilee irra teessisanu barattoota ifiititti hime. Isaanille cinna dhibba dhibbaan, shantama shantamaan tee'ane. Yesuus xaltaa shanii fi qurxummii lamaan fuudhee gara samayi'ii ol-gubba'aa ilaalee eebbise. Achiin duuba xaltaa daabbo'oo san caccassee, kolba'aaf akka qoodanu barattoota ifiititti kekenne. Inni qurxummii lamaan sanille akka nama mara geettuuf kukkute. Nami maraayyuu nyaatee quufe. Barattooti isaa hanbaa daabbo'ootii fi qurxummi'ii kolonjoo kudhanii lama mijuu fuudhane. Kolbaan sagalee san nyaatte dhiirti callaanuu kuma shan. Yennuma san, Yesuus adoo kolbaa ifi irraa geegessiisatti jiruu, barattooti isaa hoboloo yaabanee isaan dura abbaaya'aan gama gara Betsayida'aa akka deebi'anee bu'anu tolche. Inni kolbaa saniin nageyatti jedheen duuba daadimatiisaaf gara gaaraa ol baye. Yennaa galgalaalle inni qofuu achi jiraayyu; hoboloon ammoo odduu abbaaya'aa jirt. Bubbeen gara isaanii waan bubbitteef, shaffisa'aan bisaan gurduummataa rakkataa akka turane dhagge. Halkan gara iyya lukku'uu ta lammeesso'ootitti Yesuus bisaan gubbaa ideemaa gara isaanii dhufee, cinaa isaanii akka dabaruu te'e. Yesuus bisaan gubbaa ideemuun barattooti yennaa dhaggane, ekeraa seyanee iyyane. Isaan maraa yennaa isa dhaggane bararaqane. Yesuus ammoo yennuma san, “Jabaadha'a! Wonni Ana; hin sodaatina'a!” isaaniin jedhe. Inni hoboloo isaanii yaabee jennaan, bubbeen cadhitte. Barattooti akka malee baaseffatane. Qalbiin isaanii waan duuddeertuuf, isaan baasa inni daabbo'oon hojjateeyyuu hubatuu hin dandeenne. Yesuusii fi barattooti yennaa hobolo'oon abbaaya'aan gamatti qaxxaamuranee, Genesaarexitti lafatti bayane, qarqara bisaaniititti hoboloo hidhatane. Akkuma isaan hoboloo keessaa bayaneen, kolbaan Yesuus akka te'e beette. Maarre isaan adaala godina sanii duudii keessa fiiganee, addee inni achi jira jechuu dhage'ane maratti, worra dhibamane rare'een gara isaa fidane. Addee Yesuus dhaqe, olloota, qachoota, oorruu yookiin lafa dikko'oo marati, worra dhibamaa gara lafa qaaleyaa yaasanee, handaaruma woyaa isaalle tuqiisaaf isa kadhatane. Worri handaara woyaa isaa tuqane maraayyuu fayyane. Fariisaayotaa fi barsiisoti seera Muuse'ee ka Yerusaalemii dhufane gariin, Yesuus biratti wolitti qabamane. Barattooti Yesuusii gariin, akka seera isaaniititti, harka dhiqachu'uun adoo ifi hin qulleessin harka xuri'iitiin sagalee nyaatanuun dhaggane. Worri Fariisaayotaa fi Yihudoota te'ane maraayyuu, aadaa maangudoota isaanii waan ulfeessanuuf, harka ifii miidhassanee adoo hin dhiqatin hin nyaatanu. Yennaa dikko'oo galanu adoo dhiqatanee ifi hin qulleessin hin nyaatanu. Seerri abbootii isaanii ka isaan ulfeessanu ka dhibiille heddu'utti jira; meya itti unanu, meya bisaanii, meya sibiila diimaa irraa hojjatame, [taqeelle] hin dhiqan. Tanaaf Fariisaayotii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, “Barattooti teeti aadaa maanguddoota teennaa ulfeessuu didanee harka xuri'iitiin maaf sagalee nyaatan?” jedhanee Yesuus gaafatane. Yesuus deebisee, “Isin kijiboole'e! Isaayaas marroo teessaniif: ‘Kolbaan tun afaaniin ana ulfeessiti; gadhaan isi'ii ammoo na irraa fago'oo. Aadaa namaa akka seera Waaqaatitti barsiisaa, ana waaqeffatuun isaanii gatii hin qabu’ jedhee ka raage dhuga'a. Isin ajaja Waaqaa ulfeessuu diddanee, aadaa namaa ulfeessitan” isaaniin jedhe. Yesuus itti aansee, “Aadaa teessan hordofiisaaf jettenee ajaja Waaqaa didu'uuf mala dansaa qaddan. Muuseen, ‘Haadhaa fi abbaa keeti ulfeessi!’, ‘Abbaa ifiitii fi haadha ifii ka abaaru ijjeefamuu ti’ jedhee ajajeera. Isin ammoo nami abba'aa fi haadha ifii gargaaru'uuf male tokko, isaaniin, wonni silaa isiniif kennu, ‘Qurbaana te'eera’ akkas jechuun Waaqaf kennameera yoo jedhe, duuba inni deebi'ee abbaa ifiitii fi haadha ifiitiif waan tokkolle akka godhuuf hin eeyyantanu. Aadaa teessan ta wol wolitti daddabarsitane hordofu'uuf jecha Waaqaa lakkittane. Isin waan hedduulle ta tana fakkaattu tolchitan” isaaniin jedhe. Ammaalle Yesuus gumii gara ifii waamee, “Isin martinuu waan ani jedhu caqasa'aatii hubadha'a! Wonni alaa gara afaan namaa seenu tokkolle nama hin batteessu; wonni afaan namaa keessaa bawu ammoo nama batteessa. [ Gurra dhage'u nami qabu dhage'uu ti]” isaaniin jedhe. Yennaa Yesuus gumii dhiisee gara manaa seene, barattooti isaa akka inni mammaassa kana hiiku isa gaafatane. Inni ammoo, “Isinille akkuma worra kaanii adoo hin hubatin jirtanii? Wonni alaa gara gadhaa namaa galu maraa nama batteessiisa akka hin dandeenne isin hin hubattanuu? Sagaleen gara qalbii namaa hin seentu; gara gadhaa namaa seentee nafa keessaa baati” isaaniin jedhe. Tana jechu'uun sagaleen martinuu nyaataaf qullittii akka teete beessise. Yesuus itti aansee, “Waan qalbii namaa keessaa bawutti nama batteessa. Wonni qalbii namaa keessaa bawu: yaada hamaa, sagaagaluu, hatuu, ijjeesuu, gaarayyeeffatuu, joljoluu, hammeenna, sobuu, fariisaa, hinaafaa, maqaa balleessuu, kooru'uu fi gowwu'u. Wonni hantuun tun mara qalbii namaa keessaa baatee nama batteessiti” jedhe. Yesuus achii deemee gara biyya Xiroosiitii fi Sidoonii dhaqee, mana tokko seene. Akka inni achi jiru eennulle akka beekuuf hin barabaanne; ammoo dhokatiisaaf hin dandeenne. Dubartiin takka, ta intalti isi'ii ayyaana hama'aan qabanteertu, gurra Yesuusii dhageettee, dhuttee miila isaatitti jidde. Dubartittiin tun nama Giriikii ti; isiin lafa Finiiqee jedhantu ta biyya Sooriya'aa keessatti dhalatte. Isiin akka durriisa intala isi'ii keessaa baasuuf Yesuus kadhatte. Yesuus ammoo, “Me qara ijoolleen nyaattee quuttuu ti; sagalee ijoolle'ee fuudhanee sare'eef qolaansuun dansa'aa moti” isi'iin jedhe. Isiin ammoo deebittee, “Goottaa kiyya, sareelle harcaa qorii ijoolle'ee keessaa harcaate nyaatti” jetteen. Yesuus deebisee, “Waan akkas dubbatteef, durriisi intala teeti keessaa bayeera; gara mana keetii deemi” isi'iin jedhe. Dubartittiin gara manaa deebitee galtee, intala isi'ii keessaa durriisi bayee, taqee irra irkatteertuun dhaggite. Achiin duuba Yesuus biyya adaala qachaa Xiroosiitii ka'ee, karaa Sidooniitiin dabaree, biyya qachoota kudhan jedhantu keessa bayee, gara abbaayaa Galiila'aa dhaqe. Jarri takka, namicha gurra duuda'aa ka gikkisu tokko, gara Yesuusii fiddee, akka inni harka ifii isa irra kewuuf kadhatte. Yesuus namicha san gumii keessaa qofitti baasee, quba ifii gurra isaa keessa keyee, tufee arraba namichaa tuqe; gara ol-gubba'aa ol ilaalee hafuura gabbaa baafatee, “Efaataa” isaan jedhe. Akkas jechuun, “Banami!” jechu'u. Yennuma san, gurri namichaa banamee, arrabi isaalle hiikamee akka dansaa dubbate. Yesuus waan kana nama tokkolle'etti akka hin hinne isaan seere; isaan ammoo adoo inni isaan seeruu, ittuma caalchisanee odeessane. Worri dhage'ane mara waan kana akka malee jajanee, “Wonni inni tolchu marti dansa'a!; worri gurra duude akka dhage'u, worri afaan duude akka dubbatu hin tolcha” jedhane Gaafa tokko gumiin guddoon dhibiin Yesuus biratti wolitti qabante. Isaan waan nyaatanu dhabanee jennaan Yesuus barattoota ifii waamee, “Kolbaan tun guyyaa sadiin ana woliin turteerti; sagaleelle waan hin qanneef, ani isaaniif hin oo'a. Isaan keessaa lafa fago'ootii worri dhufane waan jiranuuf, adoo isaanii womaa hin areerin gara manaa gala'aa yoo jedhe, kara'atti hin gaggaban” jedhe. Barattooti isaa deebisanee, “Lafa goomole'ee tana keessatti sagalee kolbaa haganaa areeriisaaf geettu eessaa fuuna?” jedhaneen. Yesuus, “Daabboo xaltaa meeqa qaddan?” jedhee gaafannaan, isaan, “Xaltaa torba” jedhaneen. Inni gummiin sun lafa irra akka teettu ajajee, xaltaa torba san fuudhee, Waaqaaf galata galchee, caccassee, gumii saniif akka qoodanu barattoota ifiititti kenne; isaanille gumii saniif qoodane. Isaan qurxummii diqqoo tokkolle qaban. Yesuus qurxummii saniifille Waaqaaf galata galchee, akka qoodanu barattoota ifiititti hime. Gumiin haga namoota kuma afurii sun martinuu nyaattee quuttee, hanbaa hatte kolonjoo gugurdoo torba guutuu fuudhane. Yesuus akkuma kolbaa ifi irraa galcheen, barattoota woliin hoboloo yaabbatee gara aanaa Dalmaanuta'aa dhaqe. Fariisaayoti gara Yesuusii dhufanee, isa woliin mormiisa jalqabane. Isaan isa haga ilaaluu fedhanee, beessisa ol-gubba'aa akka isaanitti mudhisuuf gaafatane. Inni ammoo hafuura gabbaa baafatee, “Dhalooti kun maaf beessisa gaafata? Ani dhugumaan isiniin jedha, dhaloota kanaaf beessisi hin kennamu!” jedhe. Achiin duuba inni isaan lakkisee, ammalle hoboloo yaabbatee, gara abbaayaan gamaa bu'e. Barattooti sagalee fidatiisa dedhanee, hoboloo keessatti xaltaa tokko callaa qaban. Yesuus isaaniin, “Ilaalladha'a! Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Heroodisii irraa ifi eegadha'a!” jedhee ifi eegachiise. Isaan wol woliin, “Inni waan nuut sagalee hin qanneef akkana jedha” jedhanee dudubbatane. Yesuus yaada isaanii beekee, “Maaf waan dhaba sagalee teessanii dudubbattan? Isin haga ammaa hin beennee? Qalbii hin qaddanuu? Adoo ila qaddanuu hin dhaggitanuu? Adoo gurra qaddanuu hin dhageettanuu? Isin hin qalbeeffattanuu? Yennaa ani daabboo xaltaa shanan namoota kuma shaniif caccasse, hanbaa hatte kolonjoo guutuu meeqa fuutane?” jedhee gaafate. Isaanille, “Kudhanii lama” jedhanee deebisane. Yesuus itti aansee, “Yennaa xaltaa torba nama kuma afuriif caccasse, hanbaa hatte kolonjoo guutuu meeqa fuutane?” jedhee gaafate. Isaanille, “Torba” jedhaneen. “Isin ammalle hin hubattanuu?” jedhee gaafate. Yesuusii fi barattooti isaa gara Betsayida'aa dhufane. Jarri takka achitti namicha ballaa tokko gara Yesuusii fiddee, akka inni namicha harkaan tuquuf kadhatte. Yesuus namicha ballaa san harkaan qabee, ollaa keessaa diidatti baasee, ila namichaatitti tufee, harka ifii irra keyee, “Wo dhaggitaa?” jedhee gaafate. Namichi midhatee ilaalee, “Ee, namoota dhaggaara; ammoo akka muka ideemuu anatti fakkaatan” jedhe. Yesuus ammalle harka ifii ila namichaa irra keye. Yennaa tana namichi hubatee ilaale. Ilti isaa fayyitee waan maraa miidhassee dhagge. Kanaan duuba Yesuus, “Olla'atti hin deebi'in” jedhee namicha gara mana isaa galche. Yesuusii fi barattooti isaa gara olloota adaala Qisaariyaa Filiphoosii dhaqane. Inni adoo ideemanuu kara'atti, “Namooti eennu anaan jedhan?” jedhee isaan gaafate. Isaanille, “Gariin Yohaannisii cuupha'a si'iin jedhan; gariin Eliyaas si'iin jedhan; kuun ammoo raagota keessaa tokko si'iin jedhan” jedhanee deebisaneef. Yesuus, “Isin hoo, eennu anaan jettan?” jedhee isaan gaafate. Pheexroos deebisee, “Ati Kiristoos” jedheen. Yesuus waan isaa eennulle'etti akka hin hinne jabeessee isaan seere. Yesuus, “Ilmi namaa jaarsolee biyyaa, mootota qaallotaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetiin guddoo hin rakkata. Inni jibbamee hin ijjeefama; guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a” jedhee barattoota ifii barsiise. Inni dubbii tana isaaniif ifa tolchee dubbate. Pheexroos ammoo Yesuus cina'atti fuudhee, waan akka sanii san akka hin dubbanne dhoogge. Inni ammoo garagalee barattoota ifii ilaalee, Pheexroosiin, “Seexaana, ana irraa bayyadhu! Ati akka namaa malee, akka Waaqaa hin yaadattu” jedhee xixe. Achiin duuba Yesuus gumi'ii fi barattoota gara ifii waamee, “Eennulle ana hordofiisaaf yoo barbaade, waan ifii lakkisee, fannoo ifiille ba'atee, ana hordofuu ti. Nami jiruu ifii fayyifatiisa fedhu hin dhaba; nami anaa fi Oduu Gammadaatiif jedhee jiruu ifii dhabu ammoo, jiruu ifii hin fayyifata. Nami yoo waan lafa tanaa duudii qabaatee, jiruu ifii yoo dhabe ammoo maan isaa baati? Nami wodoo lubbuu ifiitiif maan kennuu dande'a? Nama dhaloota gaarayyeeffata'aa fi cubbamaa kana keessatti, anaa fi dubbii tiyyatti fokkifatutti, Ilmi namaa ulfinna Abbaa ifiitiin, ergantoota Waaqaa woyyoota woliin yennaa dhufu itti hin fokkifata” jedhe. Yesuus itti dabalee, “Dhugumaan isinitti hima; namoota as dhaabbataneeranu kana keessaa, adoo hin du'in mootummaan Waaqaa, hunnaan dhutteertuun worri dhaggu jira” jedhe. Yesuus guyyaa jaan duuba, Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannis fudhatee, ol gara gaara tokkoo qofitti baase. Achitti inni isaan duratti jijjiiramee, woyaan isaa eennulle nami lafa irraa ka woyaa borcu tokko dande'ee haga addeessuun caalaa adii calkii teete. Achiin duuba barattooti sadiin Eliyaasii fi Muuseen Yesuus woliin haasowanuun dhaggane. Pheexroos Yesuusiin, “Barsiisa'a! Asitti dhaggamuun keenna nu'uuf dansa'a! Kowa'a gosee sadiin, takkattii si'iif, takkattii Muuse'eef, takkattii Eliyaasiif ijaarraa” jedheen. Isaan akka malee waan sodaataneeranuuf, Pheexroos waan dubbateeyyuu hin beenne. Achiin duuba duumensi dhufee gaaddisa ifiitiin isaan golle. Duumensa keessaa qonqoon, “Kun ilma kiyya ka an jaaladhu, isa dhage'aa!” jette. Yennuma san yennaa isaan adaala ifii ilaalanu Yesuus qofa ifi biratti dhaggane malee, nama dhibii eennulle hin dhagginne. Yesuusii fi barattooti isaa gaara irraa adoo gad bu'iisatti jiranuu, “Ilmi namaa haga du'aa ka'utti waan dhaggitane, nama tokkolle'etti hin himina'a” jedhee barattoota ifii seere. Isaan dubbii isaa fudhatane; ammoo, “Du'aa ka'iis kun maan inni?” jedhanee wol gagaafatane. Barattooti isaa, “Maaf barsiisoti seeraa, ‘Eliyaasitti dursee dhufa’ jedhan?” jedhanee Yesuus gaafatane. Yesuus deebisee, “Akka waan mara midhaassuuf dhugumaan Eliyaas hin dhufa; ammoo Ilmi Namaa akka guddoo rakkatuu fi jibbamuu ta barreefante ho ree? Ani ammoo isinitti hima; Eliyaas dhufeera; akkuma waan isaatiif barreeffantetti, namooti waanuma fedhane isa tolchane” jedhe. Yesuusii fi barattooti sadiin, gara barattoota taanii yennaa deebi'anee dhufane, gumiin guddoon isaan marsitee, barsiisoti Seera Muuse'ee isaan woliin moromanuun dhaggane. Gumiin sun yennaa Yesuus dhaggite, akka malee maadeffattee, gara isaa rukkittee nageya fuute. Yesuus, “Wonni isin irratti wol morontanu maan inni?” jedhee isaan gaafate. Gumii san keessaa namichi tokko deebisee, “Barsiisa'a! Mucaan kiyya durriisa afaan duuchuun qabameeruun gara keeti fideera. Yennaa durriisi itti ka'u mara lafatti isa dhowa; afaan hoomacheessa, ilkaan qarsiisa, nafi isaalle sooree goga. Ani akka barattooti teeti durriisa kana baasanuuf gaafannaan, isaan ammoo hin dandeenne” jedhe. Yesuus deebisee, “E! Isin dhaloota hin dhugeeffanne! Haga yoomii isin bira jiraadha? Haga yoomii isin ossadha? Mucaa gara kiyya fida'a!” isaaniin jedhe. Isaanille mucaa san gara Yesuusii fidane. Durriisi akkuma Yesuus dhaggeen, mucaa gajachiisee, lafatti dhowee, gangalachiisee, hoomacha afaanii yaasisiise. Yesuus, “Haga yoomiitii as akkana te'a?” jedhee abbaa muca'aa gaafate. Abbaan muca'aa deebisee, “Ijoolluma'aan jalqabee ti. Yennaa hedduu ibiddaa fi bisaan keessa buusaa isa ijjeeesiisaaf wodhaaneera. Ati ammoo yoo dandeette, maganne'ee nu'uuf nayiitii nu gargaar” jedhe. Yesuus, “Maaf ‘Yoo dandeette’ jetta? Nama dhugeeffannaa qababuuf wonni maraa hin dande'anti” jedhee deebise. Yennuma san abbaan muca'aa, “Ani dhugeeffanaa hin qaba. Ammoo ta caalte akka qabaadhuuf na gargaar!” jedheen. Yesuus gumiin ariifattee itti dachaatuun yennaa dhagge, ayyaana hama'aan, “Ati ayyaana afaanii fi gurra duuda'aa! Ani si ajajaa isa keessaa bayi; deebiteelle itti hin deebi'in” jedhee isa xixe. Ayyaanni mucaa iyyisiisee, gajassiisee keessaa baye. Mucaan akka reeffaa teenaan, namooti hedduun, “Du'eera” jedhane. Yesuus ammoo mucaa harka qabee lafaa ol kaase; innille ol ka'ee dhaabbate. Yesuus gara manaa seeneen duuba, barattooti isaa, “Nuuti ayyaana hamaa san maaf baasuu dadhanne?” jedhanee qofitti isa gaafatane. Inni ammoo deebisee, “Ka akkanaa kun daadimataa fi laamaan malee hin bawu” isaaniin jedhe. Yesuusii fi barattooti isaa addee san lakkisanee Galiilaa keessa dabarane. Yesuus, “Ilmi Namaa harka worra isa ijjeesuutitti dabarfamee hin kennama; isaanille isa hin ijjeesan; guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a” jedhaa barattoota ifii waan barsiisiisatti jiruuf, eennulle addee inni jiru akka beekuuf hin barbanne. Isaan ammoo wonna inni barsiise kana hin hubanne; isa gaafachu'uufille sodaatane. Yesuusii fi barattooti isaa Qifirnaahoom dhaqanee, mana geyaneeranuun duubatti Yesuus, “Kara'atti wonni isin irratti wol morontane maan inni?” jedhee isaan gaafate. Isaan ammoo, “Nu keessaa ka caalu eennu laati?” jedhanee waan wol moromaneeranuuf cadhisane. Yesuus tee'een duuba barattoota kudhanii lamaan gara ifii waamee, “Nami caalaa namaa te'iisaaf barbaadu, gadee namaa te'ee, tajaajilaa nama maraa te'uu ti” jedhe. Achiin duuba Yesuus daa'ima tokko fuudhee isaan dura dhaabbachiise. Inni isa habbaarratee, “Eennulle ka daa'ima diqqaa akkanaa kana maqaa kiyyaan fudhatu, ana fudhata; eennulle ka ana fudhatu, ka ana ergelle fudhata malee ana calla'aa moti” isaan jedhe. Yohaannis Yesuusiin, “Barsiisa'a, namicha tokko, ka maqaa keetiin duriisota baasu dhagginee, waan inni golii teenna te'uu dhabeef, nuuti ammoo isa dhooggine” jedheen. Yesuus ammoo, “Nami maqaa kiyyaan baasa hojjatee deebi'ee ammoo, dafee hantuu tiyya dubbatu waan hin jirreef, isa hin dhooggina'a. Nami nu'uun hin mormine golii teenna. Ani dhugumaan isiniin jedha, isin kiyya waan teetaneef, maqaa kiyyaan nami bisaan unto'oo xuuxxoo tokko isinii kennu gatii qaba” jedhe. Eennulle worra didiqqaa ana hordofu kana keessaa tokkochi akka cubbuu tolchanuuf ataabiisaa mannaa, dhakaan daaku'uu guddaan morma isaatitti hidhamee abbaayaa guddo'otti adoo gatamee isaa woyya. Harki keeti akka cubbuu tolchituuf, yoo si ataabe ifi irraa kuti; harka lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaannee galiisaa mannaa, fafoottee gara jiru'uu galiisa si'iif woyya. [ Qilee san keessaa corroxxi nama nyaattu hin duutu; ibiddille hin dhaamu.] Miilli keeti akka cubbuu tolchituuf, yoo si ataabe ifi irraa kuti; miila lamaan qabaattee gara qile'ee gatamu'uu mannaa, fafoottee gara jiru'uu galiisa si'iif woyya. [ Qilee san keessaa corroxxi nama nyaattu hin duutu; ibiddille hin dhaamu.] Ilti teeti akka cubbuu tolchituuf yoo si ataadde ifi keessaa baasi; ila lamaan qabaattee gara qile'ee gatamu'uu mannaa, ila takkattii callaa qabaattee mootummaa Waaqaa galuu si'iif woyya. Qilee san keessaa corroxxi nama nyaattu hin duutu; ibiddille hin dhaamu. “Nami martinuu ibiddaan kurowa. Sooddi waan dansa'a; ammoo yoo inni kuraa ifi keessaa dhabe, maaniin isa deebittanee kureessitan ree? Soodda ifi keessatti qabaadha'a; wolii keessaniifille nageya qabaadha'a!” jedhe. Yesuus addee sanii ka'ee gara biyya Yihuda'aatii fi laga Yordaanosiitiin gama dhaqe. Ammalle gumiin guddoon gara isaa dachaanaan, inni akkuma aadaa ifii isaan barsiise. Worri Fariisaayotaa tokko tokko Yesuus dubbi'iin xaqariisaaf fedhanee, gara isaa dhufanee, “Nami tokko ibidda ifii baasuun seeraa?” jedhanee gaafatane. Yesuus deebisee, “Seerri Muuse'ee maan jedha?” isaaniin jedhe. Isaan deebisanee, “Muuseen ‘Nami tokko woraqata lakkeessaa barreessee akka lakkisuuf eeyyameera’ ” jedhane. Yesuus deebisee, “Muuseen sababa mataa jabeenna keessaniitiif seera kana isinii barreesse. Jalqabatti yennaa dadaan dadantu, ‘Waaqi dhiiraa fi dubartii dade;’ ‘Waan kanaaf nami tokko abba'aa fi haadha ifii lakkisee ibidda ifii woliin wol qabatan. Isaan lachuu tokko te'an.’ Maarre yoona isaan foon tokko malee lamaanii moti. Waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin!” isaaniin jedhe. Yennaa deebi'anee galane, manatti barattooti isaa dubbii tana isa gaafatane. Inni deebisee, “Eennulle ka ibidda ifii lakkisee dubartii dhibii fuudhu, ibidda ifii dassee gaarayyeeffata. Akkasuma dubartiin abbaa manaa ifii jalaa baatee, nama dhibii heeruntu takka hin gaarayyeeffatti” isaaniin jedhe. Namooti gariin akka Yesuus harka ifiitiin qaqqabee eebbisuuf, ijoollee didiqqoo gara isaa fidane. Barattooti ammoo isaan dhekamane. Yesuus yennaa waan kana dhagge aaree, “Mootummaan Waaqaa waan ta worra akka ijoolle tanaa teeteef, ijoolleen gara kiyya dhuttuutii, hin dhooggina'aa lakkisa'a! Ani dhugumaan isinitti hima; eennulle mootummaa Waaqaa akka ijoolleen takka fudhattutti ka hin fudhanne, itti hin galu” jedhe. Achiin duuba ijoollee habbaarratee harka ifiitiin qaqqabee, isaan eebbise. Yesuus ideemiisaaf ka'ee kara'atti bayeeruun, namichi tokko gara isaa fiigee, isa duratti jilbiiffatee, “Barsiisaa dansa'a! Jiruu bara baraatitti galiisaaf ani maan tolchu'uu male?” jedhee gaafate. Yesuus deebisee, “Maaf barsiisaa dansa'a naan jetta? Waaqa tokkocha malee, nami dansaan tokkolle hin jiru. Ati seera ‘Hin ijjeesin, hin gaarayyeeffatin, hin hatin, dharaan nama irratti dhugaa hin bayin, hin sobin, abbaa keetii fi haadha teetiif ulfinna kenni’ jedhu hin beetta” jedheen. Namichi deebisee, “Barsiisa'a! Ani seera kana mara ijoollumma'aanuu jalqabee eegadheera” jedheen. Yesuus isa hubatee ilaalee jaallatee, “Waan tokko calla'atti si irraa dhidhate. Dhaqii, waan qaddu gurguriitii, worra hiyyeeyyi'iif kenni, ol-gubba'atti hin duroontaa; achiin duuba koyiitii ana hordofi!” jedheen. Namichi yennaa dubbii tana dhage'ee karra guddoo waan qabuuf, fuula ifii gurraachessee, gaddee achii deeme. Yesuus adaala ifii ilaalee barattoota ifiitiin, “Worra dureeyyi'iif mootummaa Waaqaatitti galuun attam rakkisa'a!” jedhe. Barattooti dubbii tana rifatane. Yesuus ammoo ammalle, “Ijoollee tiyya mootummaa Waaqaatitti galiisi attam attam rakko'o! Nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galisaan irra gaalli qowa limmo'oo keessa hulluuqiisatti kaso'oo” isaaniin jedhe. Barattooti Yesuusii akka malee duubii tana baaseffatanee, “Yoona eennutti fayyuu dande'a ree?” jedhanee wol gagaafatane. Yesuus gara isaanii ilaalee, “Tun Waaqaaf malee namaaf hin dande'antu; Waaqaaf wonni maraa hin dande'anti” jedhe. Jennaan Pheexroos, “Kunoo, nuuti waan maraa lakkinnee si hordonneerra” jedheen. Yesuus deebisee, “Dhugumaan isinitti hima; eennulle mana yookiin obboleeyyan yookiin obboleettota yookiin haadha yookiin abbaa yookiin ijoollee yookiin fichaa anaa fi Oduu Gammadaatiif jedhee ka lakkise, lafuma tanatti manoota, obboleeyyan, obboleettota, haadhotii, ijoolle'ee fi fichoota harka dhibbaan caalaa miidhaa woliin hin fudhata; lafa dhuttulle'etti jiruu bara baraa hin qabaata. Ammoo worri hedduun amma dura jiranu, worra duubaa hin te'an; worri hedduun amma duuba jiranu worra duraa hin te'an. Yesuusii fi barattooti isaa Yerusaalem dhaqiisaaf kara'atti bayanee ol qabatanuun, Yesuus isaaniin dura ideemuun, barattooti maadeffatanee, worri duubaan hordofiisatti jirulle sodaatane. Inni ammoo worra kudhanii lamaan ammalle maddi'itti baasee, waan isatti dhufu'uuf jiru isaanitti hime. Inni isaaniin “Kunoo, gara Yerusaalemii ol bayaarra; Ilmi Namaa harka mootota hayyootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti dabarfamee hin kennama. Isaan du'a itti muranee, worra Yihudoota hin te'initti dabarsanee isa hin kennan; isaan isa hin ceeggatan, itti hin tufan, dhaananee hin ijjeesan; ammoo guyyaa sadiin duuba du'aa hin ka'a” jedhe. Ilmaan Zabdewoosii Yaaqaabii fi Yohaannis gara Yesuusii dhufanee, “Barsiisa'a! Nuuti akka ati nuuf tolchituuf waan barbaannutti jira” jedhaneen. Yesuus, “Akka ani isinii tolchuuf wonni isin barbaaddanu maan isiin?” isaaniin jedhe. Isaan deebisanee, “Yennaa barcumaa keeti ka mootummaa ulfinnaa irra teete, tokko midda keetitti, tokko bitaa keetitti akka teennu barbaanna” jedhaneen. Yesuus ammoo, “Isin waan kadhatanu hin beettanu! Muduunuu rakko'oo ta ani itti unutti unuu hin dandeettanii? Akka ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettanii?” isaaniin jedhe. Isaan, “Hin dandeenna” jedhaneen. Yesuus, “Isin dhugumaan muduunuu ani itti unutti unuu hin dandeettan, akka ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettan. Middaa fi bitaa kiyyatti filee ka teessisu ammoo anaa moti; addee tana worra qophootteertuuf ka kennu Waaqa” isaaniin jedhe. Barattooti kudhan hafane kuun yennaa waan kana dhage'ane, Yaaqoobii fi Yohaannisitti aarane. Yesuus ammoo gara ifii isaan waamee, “Mootoleen worra Yihudoota hin te'inii, worra mowanu hunnaan akka mowanu, bulchooti isaaniille baallii guutu'uun akka bulchanu isinuu hin beettan. Isin oddu'uutti ammoo akkas hin te'u; eennulle isin keessaa nama guddaa te'iisaaf ka barbaadu, tajaajilaa keessan te'uu ti. Eennulle isin keessaa nama namaan duraa te'iisaaf ka barbaadu, garbicha nama maraa te'uu ti. Ilmi namaa tajaajiliisaaf, namoota hedduulle wodiisaaf lubbuu ifii kenniisaaf dhufe malee, tajaajilamiisaaf hin dhunne” jedhe. Yesuusii fi barattooti isaa Yerikoo dhaqane. Isaan gumii guddo'oon woliin yennaa Yerikoo lakkisanee bayane, namichi ila balla'aa kadhatichi tokko ka Barxiimewoos jedhamu, ilmi Ximeewoosii karaa qarqara tee'eera. Inni Yesuus nama biyya Naaziretii akka te'e yennaa dhage'e, “Yesuus! Ilma Daawwitii anaaf nayi!” jedhee iyye. Namooti hedduun isa cadhisiisiisaaf xixane; inni ammoo ittuma caalchisee qoonqoo guddo'oon, “Ilma Daawwitii, anaaf nayi” jedhee iyye. Yesuus dhaabbatee, “Isa as waama'a!” jedhe. Jennaan isaan namicha waamanee, “Inni si waamiisatti jira, jabaadhu! Ka'i!” jedhaneen. Maarre inni geelaa ifi irraa gatee, utalee ka'ee, gara Yesuusii dhufe. Yesuus, “Maan akka ani si'iif godhu barbaadda?” jedhee isa gaafate. Namichi ballaan deebisee, “Barsiisa'a! Ani dhaggiisaaf barbaada” jedheen. Yesuusille isaan, “Dhugeeffannaan teeti si fayyicheerti deemi!” jedhe. Isaan akkuma Yerusaalemitti dhikaataneen, Betfaage'ee fi Bitaaniya'atti, gaara Ejersaa bira geyane. Yesuus barattoota ifii keessaa nama lamaaniin, “Gara ollaa isiniin dura jiruu dhaqa'a; akkuma achi geettaneen ilmayyoo harre'ee mandiida hidhameeruun hin dhaggitan; hiika'aatii as fida'a. Eennulle ‘Maaf hiittan?’ jedhee yoo isin gaafate, ‘Gootta'atti barbaada; inni adoo hin turin hin deebisa’ jedha'aan” jedhee erge. Maarre isaan dhaqanee, ilmayyoo harre'ee balbala tokko duratti, karaa qarqaratti hidhameeruun dhaggane. Adoo isaan hiikiisatti jiranuu, worra achi dhaabbataneeranu keessaa namooti gariin, “Maaf ilmayyoo harre'ee hiittan?” jedhanee isaan gaafatane. Barattootille waan Yesuus jedhe isaanitti himane; isaanille lakkisane. Barattooti ilmayyoo harre'ee gara Yesuusii fidanee, woyaa ifii harree irra buusane; innille irra tee'e. Nami hedduun uffana ifii, worri dhibiin dameelee baalaa raaqaa caccasanee karaa irratti afane. Worri dura ideemanuu fi worri duubaan hordofanu, “Hosaa'inaa! maqaa Gootta'aatiin ka dhufu ka eebbifame! Mootummaan abbaa keenna Daawwitii ta dhuttu ta eebbifante! Ol-gubba'atti Hosaa'inaa!” qoonqoo guddo'oon jedhane. Yesuus Yerusaalem geyee, Galma Waaqaa dhaqee, waan adaala sanii mara ilaale. Ammoo waan dhiiteertuuf barattoota ifii kudhanii lamaan wolii gara Bitaaniya'aa dhaqe. Guyyaa lammeesso'oo yennaa isaan Bitaaniya'aa deebi'anu Yesuus beelaye. Inni harru urruuba takka fago'otti dhaggee, midhaan irraa dhaggadhaa laati jedhee, ilaaliisaaf dhaqe. Ammoo inni yennaa isii bira geye, yennaan sun yennaa harruun midhaan buuttu waan te'uu dhabeef, baala malee waan tokkolle irraa dhabe. Maarre Yesuus harruu saniin, “Eennulle ijjumaa deebi'ee midhaan si irraa hin nyaatin!” jedhe. Barattooti isaalle waan inni jedhe kana dhage'ane. Yennaa isaan Yerusaalem geyane, Yesuus gara Galma Waaqaa dhaqee, worra Galma Waaqaa keessatti wo bituu fi gurguratu mara gad yaase. Inni Xarapheessaa worra birrii jijjiiratuutii fi barcumaa worra saphaliisa gurguratuu garaggaggalchee, eennulle dalleya Galma Waaqaa keessa meya tokkolle ba'atee akka hin qaxxaamurre dhoogge. Achiin duuba inni, “ ‘Manni kiyya gosa maraafuu mana daadimataa te'a’ jedhamee barreeffameera. Isin ammoo goda hattuun itti dhokattu tolchitane” jedhee kolbaa barsiise. Moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, waan Yesuus jedhe dhage'anee, mala isa ittiin ijjeesanu barbaadiisatti ka'ane. Waan gumiin barsiisa isaa akka malee baasseffateertuuf, isaan isa sodaatane. Galgala san, Yesuusii fi barattooti isaa qacha'aa bayane. Guyyaa lammeesso'oo ganama, adoo karaa san dabaranuu, harruun hidda isi'ii mara woliin goddeertuun dhaggane. Pheexroos waan Yesuus harru'uun jedheeru qaabatee, “Barsiisa'a, ilaali! Harruun ati abaarte goddeerti” Yesuusiin jedhe. Yesuusille deebisee, “Waaqatti dhugeeffadha'a. Dhugumaan isiniin jedha; eennulle gadhaa ifiititti adoo hin mamin gaara kanaan, ‘Asii ka'iitii, gara abbaaya'aa ifi darbi!’ yoo jedhe, wonni inni jedhulle akka teetuuf yoo dhugeeffate, wonni sun isaaf hin teeti. Tanaaf ani isinitti hima; yennaa daadimattanuu fi waan tokko gaafattanu, akka fudhattaneetitti dhugeeffadha'a; wonni gaafattanu mara isiniif hin kennama. Yennaa daadimatiisaaf kaatanee dhaabbattanu, abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa keesssan akka isinii araaramu, eennulle irratti quuqaa yoo qabaattane araarama'a. [ Ammoo yoo isin namaa araaramuu diddane, abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa keessan isinii hin araaramu] ” jedhe. Isaan ammalle Yerusaalemitti deebi'ane. Yesuus Galma Waaqaa keessa adoo deddeemuu, moototi hayyootaa, barsiisoti Seera Muuse'eetii fi jaarsoleen gara isaa dhufanee, “Waan kana mara tolchiisaaf baallii maanii qadda? Waan kana mara akka tolchituuf eennutti baallii tana si'iif kenne?” jedhane. Yesuus deebisee, “Ani waan tokko isin gaafadha; yoo anaaf deebittane, anille baallii maaniitiin waan kana mara akka tolchu isinitti hima. Yohaannis akka cuuphuuf baallii eennutti kenneef? Waaqa mo'o nama? Me anaaf deebisa'a!” isaaniin jedhe. Isaan wol mormanee, “Waaqa yoo jenne, ‘Maaf dubbii Yohaannisii dhugeeffata diddane ree?’ nu'uun jedha; ‘Nama jennuu ree?’ ” jedhane. Nami mara Yohaannis akka dhugumaan raagichaatitti waan fudhateeruuf, kolbaa sodaatane. Tanaaf isaan Yesuusiin, “Nuuti hin beennu” jedhane. Yesuus deebisee, “Maarre anille baallii maaniitiin waan kana mara akka tolchu isinitti hin himu” isaaniin jedhe. Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, “Namichi tokko muka woyini'ii fichaa ifiititti dhaabee, dalleya itti marsee ijaaree, boolla midhaan isi'ii itti cunfu qotee, xelleephoo irra tee'anee eeganu ijaare. Achiin duuba qottee bultootatti kireessee, biyya san lakkisee deeme. Yennaan midhaan muka woyini'ii guuranu geennaan, midhaan fudhatiisaaf hojjataa tokko gara qottee bultoota ifii erge. Qottee bultooti sun isa qabanee, dhaananee harka duwwaa ari'ane. Abbaan muka woyini'ii ammalle hojjataa dhibii gara isaanii erge; qottee bultooti mataa isaa dachanee qaanessane. Abbaan muka woyini'ii ammalle hojjataa dhibii gara isanii erge; isalle ijjeesane; worra dhibiille akkuma kana kaan dhaananee, kaan ijjeesane. Abbaan muka woyini'ii ilma guddoo jaalatu tokko qaba. Muummee irratti, ‘Ilma kiyya hin ulfeessan’ jedhee, isa gara isaanii erge. Qottee bultooti sun ammoo, ‘Ka abbaa fichaa muka woyini'ii dhaalu isaa kana; kowa'a isa ijjeennaa, dhaalli nu'uuf te'a’ woliin jedhane. Maarre isaan ilma abbaa fichaa muka woyini'ii qabanee ijjeesanee, fichaa woyini'ii keessaa alatti qolaansane. “Yoona abbaan fichaa muka woyini'ii maan godha ree? Inni hin dhufa; qottee bultoota san hin ijjeesa; fichaa muka woyini'ii san, worra dhibi'itti hin kennata. Isin Barreeffama Woyyicha keessatti ‘Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, dhakaa dhakaa mara caalaa barbadamu te'e. Wonni kun waan Goottaan tolche; ila teennalle'etti waan baasaa ti;’ ta jettu hin dubbinnee?” jedhee gaafate. Bulchitooti Yihudootaa mammaasa kana akka Yesuus isaaniif mammaake beekanee, isa qabiisaaf barbaadane; ammoo gumii waan sodaataneef isa lakkisanee deemane. Isaan waan inni dubbatuun isa xaqaruuf jedhanee, worra Fariisaayotaatii fi golii Heroodisii keessaa jara tokko Yesuusitti ergane. Worri ergamane dhufanee, “Barsiisa'a! Akka ati dhugaa dubbattu nuuti hin beenna; nama tokkolle hin sodaattu; karaa Waaqaa dhuga'aan barsiitta malee, nama wol hin caalchittu. Mooticha mootota worra Rooma'aatiif gibra kaffaluun seera moo seeraa moti? Hin kaffalla moo hin kaffallu?” jedhaneen. Inni ammoo kijiba isaanii beekee, “Isin maaf ana xaqariisaaf wodhaantan? Me hin ilaalaa, beesee san fida'a!” jedheen. Isaan beesee itti finnaan, “Misili'ii fi maqaan irra jiru kun ka eennuuti?” jedhee gaafate. Isaanille, “Ka mooticha mootota worra Rooma'aa ti” jedhaneen. Maarre Yesuus isaaniin, “Ka mootichaa mootichaaf, ka Waaqaa Waaqaaf kenna'a!” jedhe; isaanille isa baaseffatane. Saduqooti gariin, worri du'aa ka'iisi hin jiru jedhanu gara Yesuusii dhufanee, “Barsiisa'a! Muuseen, ‘Nami tokko niitii fuudhee adoo hin uumatin yoo isii irraa du'e, obboleessi isaa dubartii san dhaalee sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuu ti!’ jedhee Seera keessatti nu'uuf barreesseera. Obboleeyyan torbaan tokko jiran; angafichi isaanii niitii fuudhee ijjoollee adoo hin uumatin du'e. Obboleessi isatti aanulle dubartuma san dhaalee, ijoollee adoo hin uumatin du'e; obboleessi sadeesso'oolle akkasuma isii dhaalee irraa du'e. Isaan torbaanuu dubartuma san fuudhanee, ammoo ijoollee adoo hin uumatin irraa du'ane. Muummee irratti dubartiin sunille duute. Isaan torbaanuu niitumma'aan isii fuudhaneeranii, guyyaa worri du'ane ka'anu isaan keessaa kamiif niitii teeti?” jedhanee isa gaafatane. Yesuus isaaniin, “Isin akka malee dokonkortane! Maaf akka teete beettanii? Wonni akkana teeteef, isin Barreeffama Woyyicha yookiin hunna Waaqaa hin beettanu. Yennaa worri du'ane ka'anu, isaan akka ergantoota ol-gubba'aa te'an malee, hin fuudhanu, hin heerumanulle'e. Marroo ka'iisa worra du'anee: Kitaaba Muuse'ee keessatti addee waan tusee gubattuu dubbattu hin dubbinee? Achitti ta barreeffante, Waaqi Muuse'een, ‘Ani Waaqa Abraamii, Waaqa Yisaaqiitii fi Waaqa Yaaqoobii ti’ jedhe. Inni Waaqa worra jira'aati malee, Waaqa worra du'a'aatii moti. Isin akka malee dokonkortane. Barsiisota Seera Muuse'ee keessaa tokko yennaa isaan wol mormanu achi jira. Yesuus deebii dansaa akka deebiseef dhaggee, gara isaa dhufee, “Ajaja mara keessaa guddichi kam?” jedhee Yesuus gaafate. Yesuus, “Ajaji guddichi, ‘Israa'el, dhage'i! Goottaan Waaqi keenna Goottaa tokkocha. Goottaa Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochan, lubbuu teeti takkatti'iin, qalbii teeti takkatti'iin, hunna teeti takkatti'iin’ jaalladhu. Ajaji guddichi lammeesso'oo, ‘Nama mara akka mataa keetii jaalladhu’ ka jedhu kana. Ajaji guddichi isaan lamaan kana caalu ka dhibiin hin jiru’ ” jedhe. Barsiisaan Seera Muuse'ee Yesuusiin, “Barsiisa'a! Dansaa dubbatte; ‘Goottaa Waaqa tokkocha malee, Waaqi dhibiin hin jiru’ jettee ka dubbate dhuga'a. Waaqa gadhaa tokkochaan, qalbii takkatti'iin, hunna takkatti'iin jaallatiisii fi ollaa ifii akka mataa ifii jaallatiis, woreega ciinca'aatii fi woreega dhibii Waaqaaf dhiyeessuu caala” jedhe. Yesuus akka inni qarumma'aan deebise dhaggee, “Ati mootummaa Waaqaa irraa fagoo hin jirtu” jedheen. Eegii san nami tokkolle gaaffii dhibii isa gaafatiisaaf itti hin gamne. Adoo Galma waaqaa keessatti barsiisiisatti jiruu, “Attamiin barsiisoti Seera Muuse'ee, ‘Mesiihiin ilma Daawwitii ti’ jechuu dande'an? Ayyaanni Woyyichi akka Daawwit, ‘Waaqi Goottaa kiyyaan, diinota keeti miila keeti jalatti, haga Ani si'iif kewutti, midda kiyyatti tee'i’ jedhu'uuf akeekeera. Daawwit ifiifuu, ‘Goottaa kiyya’ jedhee yoo isa waame, attamiin Mesiihiin ilma Daawwitii te'uu dande'a?” jedhee gaafate. Gumiin guddoon gammadaan isaa dhageette. Yesuus adoo isaan barsiisuu, “Barsiisota Seera Muuse'ee, ka woyaa dheertuu uffatanee asii fi achi deemaa, addee dikko'ootitti akka nageya ulfinnaa isaan fuudhanu jaallatanu, Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barcumaa duraa, lafa jilaatitti addee ulfinnaa, worra filatu irraa ifi eeggadha'a! Isaan daadimata dheertuu daadimatanu mudhisiisaan, mana haadhotii hiyyeessaa sossanee itti aallatiisaaf dheeressanee daadimatan” jedhe. Yesuus Galma Waaqaa keessatti cinaa subba kennansa keessa buusanuu tee'ee, akka kolbaan beesee ifii keessa buuttu ilaale. Dureeyyiin hedduun beesee guddoo keessa buutte; achiin duuba haati hiyyeessaa hiyyeettiin takka dhuttee beesee sibiila diima'aa didiqqoo lamaan, ta gatiin isi'ii akka malee diqqo'oo keessa buutte. Yesuus barattoota ifii waamee, “Ani dhugumaan isinitti hima! Haati hiyyeessaa hiyyeettiin tun worra dhibii mara caalaa subba kennansaa keessa buutte jedhe. Worri dhibiin qabeenna guddaa qabanu irraa ka hafe subba keessa buusane; isiin ammoo adoo hiyyeetti'iituu, waan qaddu mara ka ittiin bultu subba san keessa buutte” jedhe. Adoo Yesuus Galma Waaqaatii bayiisatti jiruu, barattoota isaa keessaa tokkochi isaan, “Barsiisa'a, ilaali! Dhakooti gugurdaan kunii fi ijaarsi gugurdaan kun attam dansa'a!” jedhe. Yesuus, “Ati ijaarsa gugurdaa kana dhaggitaa? Isaan maraa hin diigaman; tokkochi isaaniille wol irratti hin hafanu” jedheen. Yesuus gaara Ejersaa gubba'aa gara Galma Waaqaa gamatti garagalee tee'uun Pheexroos, Yaaqoob, Yohaannisii fi Indiryaas qofitti gara isaa dhufanee, “Nutti himi, wonni kun yoom teeti? Wonni kun mara te'iisaaf beessis te'uuf jiru maan?” jedhanee gaafatane. Yesuus isaaniin, “Eennulle akka isin hin dokonkorsine ifi eeggadha'a! Namooti hedduun, ‘Ani Kiristoos’ jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan; namoota hedduulle hin dokonkorsan. Woraanaa fi oduu woraanaa yennaa dhageettane, hin sodaatina'a. Wonni akkasii kun te'uu qaddi; kun ammoo muumme'ee moti. Gosi gosatti, mootummaan mootuumma'atti hin kaati; latti addee heddu'uun hin tachooti; beeltille hin teeti. Ammoo kun akka ciniinsuu jalqabaa ti. “Isin ifi eeggachuu qaddan. Qabanee gara mura'aa isin hin geessan; Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti isin hin dhaanan. Akka anaaf dhugaa teetanu, anaaf jettanee bulchitootaa fi mootota dura hin dhaabbattan. Ammoo muummeen dhufiisaan dura, Oduun Gammadaa kolbaa maraaf lallabamuu qaddi. “Yennaa qabanee gara mura'aa isin geessane, ‘Maan dubbanna laati?’ jedhaa dursitanee hin yaadina'a. Ammoo waanuma yennaa san isinii kenname dubbadha'a; dubbii isin dubbattanu ka dubbatu Ayyaana Woyyicha malee isinii moti. Obboleessi obboleessa, abbaalle ilma gara du'aa dabarsee hin kenna. Ijoolleen worra ifiititti kaatee hin ijjeesisiitti. Nami martinuu sababa kiyyaaf isin jibba. Haga muumme'ee ka ossatu ammoo hin fayya. “Isin, ‘Farra badi'ii’ addee dhaabbatu'uu hin malle dhaabbatuun hin dhaggittan; kana ka dubbisu hubatuu ti. Worri Yihudaa keessa jiru gara gaarotaa baqatuu ti. Nami mana gubbaa jiru, gad bu'ee mana seenee, wo fudhatiisaaf yennaa hin dabarsin. Nami fichaa keessa jiru, woya'aaf gara manaa hin deebi'in. Guyyooti sun dubartoota ulfaatii fi hoosisaatiif attam sodaachisa'a! Wonni kun ganna keessa akka hin teene daadimadha'a! Guyyooti sun guyyoota rakkinni hamaan itti te'u. Rakkinni akkasii yennaa Waaqi biyyaa lafaa dadeen jalqabee haga ammaatitti ijjumaa te'ee hin beeku. Deebi'eelle hin te'u. Adoo Goottaan guyyaa san gabaassuu dhabaatee, nami tokkolle hin hafu. Kolbaa ifii filateef jedhee, inni guyyaa san gabaasse. “Yennaa san eennulle isiniin, ‘Ilaala'a! Kiristoos as jira!’ yookiin “Ilaala'a! Achi jira!” yoo jedhe itti hin dhugeeffatina'a. Masiihooti dharaatii fi raagoti dharaa hin ka'an. Isaan yoo dande'ane kolbaa Waaqi filatelle dokonkoriisaaf baasaa fi bilbaasa hujan. If eeggadha'a! Ani dursee waan maraa isinii himeera. “Guyyootuma san keessa, yennaa rakko'oo saniin duuba, aduun hin dukkanti; jiinille deebi'ee hin ifu. Urjooti ol-gubbaa irraa hin harcaa ti; hunni ol-gubba'aa hin raafan ti. Achiin duuba Ilmi Namaa, hunna guddo'oo fi ulfinnaan duumensa keessa dhufuun dhaggitan. Inni ergantoota Waaqaa maddii arfan lafaatitti ergee, kolbaa Waaqi filate qaccee biyya lafaa mara irraa woliti qaban. “Muka harru'uu irraa barumsa baradha'a. Yennaa dameeleen isi'ii quunxituu fi baala baattu, bonni akka dhiyaate beettan. Akkasuma isinille wonni kun teetuun yoo dhaggitane, akka inni balbalatti dhiyaate hin beettan. Ani dhugumaan isinitti hima; wonni kun maraa haga teetutti dhaalooti amma jiru kun hin taru. Ol-gubba'aa fi latti hin taran; jechi kiyya ammoo ijjumaa hin taru” jedhe. “Guyyaa san yookiin yennaa san eennulle hin beeku. Abbaa malee, ergantooti ol-gubba'aalle hin beekanu; Ilmille hin beeku. Yennaan yoom akka teete isin waan hin beenneef ifi eeggadha'a! Damaqa'a!. Wonni kun akka nami mana ifii lakkisee bayyaatee deemu tokko, itti gaafatamummaa hojjatoota ifiitiif kennuu fakkaa ti. In tokko tokkoofuu waan hujanu keennee, eeddoon balbala eegu dammaqee akka eeguuf ajaja. Maarre, abbaan manaa galgala yookiin halkan hoxxeessa, yookiin iyya lukku'uu, yookiin barii dhufuu isin waan hin beenneef dammaqa'a! Dedhuma yoo dhufe rattaneertanuun mee isin dhagguu ti. Ani waan isiniin jedhu nama maraanuu jedha. Dammaqa'a!” Amma, Jila Irra Dabaramaatii fi Jila Daabboo Uukoo Hin Qanneetiif guyyaa lamatti hafeera. Moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yesuus attamiin akka qabanee ijjeesanu dhokaataan mari'atane. Isaan, “Kolbaan waan raafantuuf yennaa jilaa tana hin tolchinu” jedhane. Yesuus Bitaaniya'atti mana Simoonii dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan dur qabameeruutitti adoo areerratiisatti jiruu, dubartiin takka fiqiree makaa hin qanne ta hidda muka naardoosii irraa hujatante, ta gatii guddo'oo, duloo dhakaa albaasaatarii irraa hujatame guutuu fide; duloo san cassitee fiqiree san mataa Yesuusiititti naxxe. Nami gariin ammoo aaree, “Fiqireen tun maaf akkanaan baddi? Fiqireen tun silaa mindaa woggaa tokkoo caala'atti gurgurantee, beeseen sun hiyyeeyyi'iif hin kennamaayyuu” woliin jedhanee, hiccinnaayanee isii malchane. Yesuus ammoo, “Isii lakkisa'a! Isin maaf isii rakkittan? Isiin waan dansaa anaaf gooteerti. Hiyyeeyyiin yennaa maraa isiniin woliin jiran; yennuma feetane isin isaan qarqaaruu hin dandeettan. Ani ammoo yennaa mara isin woliin hin jiraadhu. Isiin waan dandeette goote; duraan dursitee nafa kiyyatti fiqiree naxxee awwaalaaf qopheessite. Ani dhugumaan isinitti hima, biyyaa lafaa irratti Oduun Gamadaa addee lallabantu maratti wonni isiin goote kun qaabbii isi'ii te'ee himama” jedhe. Achiin duuba Yihudaan nami biyya Keriyootii barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e, Yesuus dabarsee kenniisaaf gara mootii hayyoota dhaqe. Isaan waan kana yennaa dhage'ane, gammadanee, beesee isaa kenniisaaf addachiisane. Maarre Yihudaan Yesuus dabarsee kenniisaaf yennaa dagu'uu barbaadate. Guyyaa jalqaba Jila Daabboo Uukoo Hin Qanneetitti, yennaa hooleen Jila Irra Dabaramaa qalame, barattooti, “Sagalee Jila Irra Dabaramaa eessatti akka si'iif qopheessinu barbaadda?” jedhanee Yesuus gaafatane. Yesuus barattoota ifii lamaaniin, “Gara qacha'aa deema'a! Nama tokko ka okkotee bisaanii kaafateeru dhaggitan. Isa faana deema'aatii, abbaa mana inni seenuutiin, ‘Kolloon keessumma'aa ta ani barattoota tiyya woliin sagalee Jila Irra Dabaramaa keessatti nyaadhu eessa jirti? Si'iin jedha barsiisaan’ jedha'a. Achiin duuba inni kolloo mana irraa badhoo, ta meya manaatiin guutantee afante takka isinitti hin mudhisa. Achitti nu'uuf qopheessa'a” jedhee erge. Barattooti sun ka'anee gara qachaa gudda'aa dhaqanee, waan maraa akkuma inni isaanitti hime dhaggane; sagalee Jila Irra Dabaramaalle qopheessane. Yennaa latti galgalootte Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan woliin dhufe. Adoo isaan qori'itti hiiqanee nyaatiisaatti jiranuu, Yesuus, “Ani dhugumaan isinitti hima; isin keessaa nami tokko, ka ana woliin nyaatiisaatti jiru dabarsee ana hin kenna” jedhe. Barattooti laaleffatanee, “Dhugumaan anaan jechuu keetii moti! Jechuu keetii?” jedhanee badoo bado'oon isa gaafatane. Yesuus isaaniin, “Inni isin nama kudhanii lamaan keesaa tokko, ka ana woliin qorii tanatti cuuphataa nyaataaru. Ilmi namaa akkuma marroo isaatiif barreeffante hin du'a; ammoo nama Ilma Namaa dabarsee kennuuf aanne'e! Inni adoo ijjummaa dhalatiisa dhabee jiraatee isaa woyya!” jedhe. Adoo nyaatiisatti jiranuu, Yesuus xaltaa daabbo'oo fuudhee, eebbisee, caccassee, barattoota ifiitiif kennee, “Fudhadha'a; kun foon kiyya!” jedhe. Achiin duuba Inni muduunuu fuudhee, Waaqaaf galata galchee, isaaniif kenne; isaan maraa muduunuu keessaa unane. Yesuus “Kun dhiiga kiyya, ka kolbaa heddu'uuf dhangala'e, ka Waaqi ittiin gondoore. Ani dhugumaan isinitti hima; mootummaa Waaqaa keessaatti haga guyyaa dadhii Woyini'ii haareya unutti ijjumaa debi'ee dadhii Woyini'ii hin unu” isaaniin jedhe. Achiin duuba isaan faaruu faarsaanee, gara gaara ejersaa ol bayane. Yesuus isaaniin, “Baarreefam Woyyichi, ‘Ani tissee hin dhowa; hoolotille hin xexeeraman’, waan jedhuuf isin martinuu na lakkittanee hin baqattan. Ani ammoo du'aa ka'een duuba isiniin dura gara Galiila'aa dhaqa” jedhe. Pheexroos Yesuusiin, “Isaan martinuu si lakkisanee yoo baqatanelle ani ijjumaa si lakkisee hin baqadhu!” jedhe. Yesuus Pheexroosiin, “Ani dhugumaan si'iin jedha; halkanuma kana adoo lukkuun yennaa lamaan hin iyyin ati yennaa sadiin na mormatta” jedhe. Pheexroos ammoo afaan gutatee “Ani si woliin du'uuf yoo barbachiselle, ijjumaa si hin mormadhu” jedhe. Isaan martinuu akkasuma jedhane. Yesuusii fi barattooti isaa addee Getesemaanee jedhantu takka dhaqanee, inni isaaniin “Haga Ani daadimadhu asi tee'aa” jedhe. Inni Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannis ifi biratti fuudhee, gaddee laaleffatee, isaaniin, “Ani qixxee du'aatitti guddoo gadde. Isin as tura'a; dammaqa'a” jedhe. - Yesuus haga diqqoo irraa hiiqee lafatti jigee, yoo dande'ame yennaan rakkinnaa sun akka isa irra dabartu, “Abbaa kiyya wonni mara si'iif hin dande'ama; muduunuu rakkinnaa kana ana irraa dabarsi! Ammoo akka fedha keetii teetuu malee, akka fedha kiyyaa hin te'in” jedhee daadimate. Achiin duuba inni debi'ee dhufee, barattooti sadiin sun rafaneeranuun dhagee, Pheexroosiin, “Simoon rateertaa? Sa'aatuma takkaalle dammaxxee tee'isaaf hin dandennee? Akka hin ataabanne, dammaqa'aatii daadimadha'a! Ayyaanni namaa hin halcha; foon ammoo dadhaba'a” jedhe. Inni ammalle achi dhaqee, akkuma angafa jedhe jedhaa daadimate. Yesuus gara barattootaa yennaa deebi'ee dhufe, ilti isaanii waan dunquuqotteertuuf rafaneeranuun dhagge; isaan waan deeffatanulle wollaalane. Inni sadeessoo, yennaa deebi'ee gara isaanii dhufe, “Isin ammalle rattanee foorfatiisaatti jirtanii? Yoona geette! Saattiin geetteerti! Kunoo, Ilimi namaa harka cubbaaleyyi'iititt dabarfamee kennamaara. Ka'aa, deemnaa! Kunoo ka ana dabarsee kennu dhikaateera” isaaniin jedhe. Adoo Yesuus tana dubbatiisaatti jiruu, barattoota isaa kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e Yihudaan dhufee biraan baye. Gumiin goraade'ee fi ulee-jirma qabateertu, mootota hayyootaa, barsiisota Seera Muuse'eetii fi maanguddootaan ta ergante isa woliin dhutte. Yihudaan, “Nami ani sunqadhu ka isin barbaaddanu. Isa qaba'aatii eegaa fuuda'aa deema'a” jedhee isaaniif beessisa kenneera. Yihudaan akkuma achi geyeen, gara Yesuusii dhaqee, “Barsiisa'a!” jedhee isa sunqate. Marre isaan Yesuus qabanee hidhane. Worra achi dhaabbataneeranu keessaa tokkochi goraadee buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra irraa kute. Achiin duuba Yesuus isaaniin, “Akka ani yakkaammessaa goraade'ee fi ulee-jirma qabattanee ana qabiisaaf dhuttanee? Guyyuma guyya'aan Galma Waaqaa keessatti barsiisaa isinuma woliin ture; isin ana hin qanne. Ammoo Barreeffam Woyyichi wonni jedhu mummowiisaa malte” jedhe. Achiin duuba barattooti martinuu Yesuus lakkisanee baqatane. Dargaggeessi tokko, ka woyaa qoola quncee talba'aa irraa hujante callaa uffateeru isa hordofe. Yennaa isaan isa qabane, inni woyaa itti mulqatee, muxuqatee qullaa dheete. Achiin duuba gara mana hayyicha gudda'aa, addee moototi hayyootaa, maanguddootii fi barsiisoti Seera Muuse'ee wolitti qabamanu Yesuus geessane. Pheexroos Yesuus irraa fagaatee, haga moonaa hayyicha gudda'aa seenutti hordofee, gula deeme. Achitti inni eeddota woliin tee'ee, ibidda qanqaammate. Moototi hayyootaatii fi korri murti'ii duudiinuu, Yesuus ijjeesisiisaaf, nama yakkaa isaa himatu barbaadane. Ammoo nama isa himatu tokkolle hin dhaggine. Nami hedduun dharaan Yesuus himate; ammoo afaan isaanii tokko hin teene. Achiin duuba nami gariin ol ka'anee, “ ‘Ani Galma Waaqaa ka harka namaatiin ijaarame kana diigee, guyyaa saditti ka dhibii ka harka namaatiin hin ijaaranne ijaara’, jedhuun dhageenneerra” jedhanee dharaan itti dhugaa bayane. Ammoo teetuu malee wonni isaan jedhane afaan tokko hin teene. Hayyichi guddaan kora murti'ii duratti ol ka'ee, Yesuusiin, “Waan isaan si himatane kanaaf ati deebii hin qadduu?” jedhee gaafate. Inni cadhise malee womaa hin dubbanne. Ammalle hayyichi guddaan isaan, “Masiihiin, Ilmi Waaqa ulfaata'aa si'ii?” jedhee gaafate. Yesuus, “Ee ana; Ilmi namaa midda Waaqaa waan mara godhuu dande'u tee'ee ol-gubba'aa duumensaan dhufuun hin dhaggitan” jedhe. Hayyichi guddaan woyaa ifii tarsaasee, “Dhugaa dhibii maaf barbaanna? Inni Waaqa faanshessuun isinuu dhageettane. Murtiin teessan maan ree?” jedhe. Isaan martinuu afaan tokko te'anee, ijjeefamu'uu male jedhanee itti murane. Namooti gariin Yesuusitti tufanee, ila isaalle hidhanee, “Eentu si dhowe? Me raagii him” jedhaa tuntumu'uun isa dhowane. Worri eegulle fuudhee isa kakkabale. Pheexroos ammalle moonaa keessa addoo jiruu, durroota hayyicha gudda'aaf tajaajiltu keessaa takkaan dhuttee biraan baate. Isiin Pheexroos ibidda qanqaamatuun yennaa dhaggite, isa hubattee ilaaltee, “Atillee Yesuusii biyya Naaziretii woliin jirtaayyu” jetteen. Inni ammoo, “Waawwo'o! Wonni ati dubbatiisaatti jirtu kun anaaf hin galu” jedhee mormate. Achiin duuba akkuma inni gara hulaa karraa bayeen lukkuun iyyite. Ammalle durrittiin tajaajiltittiin tuun isa dhaggitee worra achi dhaabbateeruun, “Namichi kun nama isaanii ti!” jette. Pheexroos ammoo ammalle mormate. Yennaa diqqo'oon duuba worri achi dhaabbateeru Pheexroosiin, “Ati nama Galiila'aa waan teeteef, dhugumaan ati nama isaanii ti” jedhane. Inni ammoo, “Namicha isin jettanu kana ani hin beeku” jedhee ifi abaaraa kakatiisaatti ka'e. Yennuma san lukkuun lammeessoo iyyite. Achiin duuba Pheexroos dubbii yesuus, “Adoo lukkuun yennaa lamaan hin iyyin ati yennaa sadiin ana mormatta” isaan jedhe qaabbatee, laallefatee booye. Barii halkaniin Moototi hayyootaa: maanguddoota, barsiisoota Seera Muuse'eetii fi kora mura'aa duudii woliin mari'atane. Achiin duuba isaan Yesuus hidhanee, geessanee, Philaaxoositti dabarsanee kennane. Philaaxoos, “Ati mootii Yihudootaa tii?” jedhee isa gaafate. Yesuus, “Maarre atuu jette” jedhee deebiise. Moototi hayyootaa waan heddu'uun isa himatane. Philaaxoos ammalle, “Me waan hedduu si himatane kana ilaali! Ati womaa hin deebittuu?” jedhee Yesuus gaafate. Yesuus ammoo, ammallee womaa hin deebiinne; Philaaxoos waan kana baaseffate. Yennaa Jila Irra Dabaramaa, Philaaxoos worra hidhamane keessaa nama tokkocha, ka kolbaan gaafatte aadaa hiiku qaba. Yennaa san worra alagalaa nageya booressiisaan nama ijjeessanee hidhamane keessaa namichi Barabbaa jedhamu tokko jira. Gumiin wolitti qabantee, Philaaxoos akkuma qara tolchu akka tolchuuf yennaa gaafatte, inni, “Isin akka ani mootii Yihudootaa isinii hiikuuf barbaaddanii?” jedhee isaan gaafate. Inni moototi hayyootaa akka Yesuus hinaaffa'aan dabarsanee isatti kennane beekeera. Moototi hayyootaa ammoo, Philaaxoos addee isaa Barabbaa akka isaanii lakkisu gumiin akka gaafattuuf tirtirsane. Philaxoos ammalle, “Namicha isin Mootii Yihudootaa jettanu maan tolcha ree?” jedhee gumii gaafate. Isaan, “Isa fannisi!” jedhanee hogisane. Philaaxoos, “Maaf akkana jettan? Maan yakke?” jedhee gaafate. Isaan ammoo, “Isa fannisi!” jedhanee guddisanee hogisane. Philaaxoos gumii gammachiisu'uuf barbaadee, Barabbaa isaaniif hiike. Achiin duuba inni Yesuus liche'een dhaansisee akka fannifamuuf dabarsee kenne. Loltooti Yesuus gara moonaa galma mooti'ii keessa geessanee, loltoota san keessaa worra hafanelle waamanee wolitti qabane. Isaan woyaa dhiillee itti uffisane, dameelee qore'eetiin kallacha hujanee mataa isaatitti keyane. Achiin duuba isaan, “Mooti Yihuddootaa jiraadhu!” jedhaa isa nageya fuudhane. Isaan mataa Yesuusii ule'een dhaananee, hancufa itti tufanee, akka waan isa ulfeessanuu sobanee duratti jilbiifatanee, isaa sagadane. Isaan itti taphaataneen duuba woyaa dhiillee san irraa baasanee, woyaa isaa deebisanee itti uffisane. Achiin duuba gad baasanee fannisiisaaf isa geessane. Isaan namicha biyya Qareena'aa tokko, ka Simoon jedhamu, abbaan Iskindrosiitii fi Ruufoosii, ficha'aa gara qacha'aa adoo dhufuu qabanee fannoo Yesuusii akka ba'atu hunnaan tolchane. Isaan Yesuus gara Golgootaa, addee “Buqqee mata'aa” jedhantu geessane. Achiitti daadhii woyni'ii qumbi'iin makanee Yesuusiif kennane; inni ammoo unuu didate. Achiin duuba isaan Yesuus fannisanee, woyaa isaa eennu fa'a akka geettu beekiisaaf hixaa buufataa qoqoodamane. Yennaan isaan Yesuus fannisane sun barii sa'aati sadi. Beessisi yakka inni itti himatamee, “Mooticha Yihudootaa” jedha. Isaan alagaltoota lamaan, tokkocha middaan, tokkocha bita'aan Yesuus woliin fannisane. [ Akka kanaan Baarreefam Woyyichi, “Inni yakkaameyyii woliin lakkowame” jedhu muummaye.] Worri achiin dabaranu, mataa ifi raasaa, “Hay! Ati Galma Waaqaa diiddee guyyaa saditti deebittee ka ijaartu! Me ifi fayyisiitii fannoo irraa gad bu'i!” jedhaa yesuus arrasane. Akkasuma moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yesuusitti taphatane. Isaan wol woliin, “Inni worra dhibii fayyiseera, mataa ifii ammoo fayyisiisa hin dande'u! Inni Masiihii, Mootii Israa'eli yoo te'e, fannoo irraa ifi buusuu ti! Achiin duuba nuutille dhagginee isatti dhugeeffana!” jedhane. Jarri lamaan Yesuus woliin fannifamanelle isa arrasane. Orraa sa'aatii ja'aan jalqabee, haga sa'aatii sagalii latti duudiin dukkanootte. Sa'aatii sagalitti Yesuus, “Elo'ii, Elo'ii, lamaa sabaktanii?” jedhee qoonqoo gudo'oon iyye; akkas jechuun, “Waaqa Kiyya, Waaqa Kiyya, maaf ana lakkittee?” jechu'u. Worra achi dhaabbataneeranu keessaa gariin kana dhage'anee, “Dhage'aa, inni Eliyaasi waamiisatti jira” jedhane. Isaan keessaa tokkochi fiigee, ispoonjii daadhii woyni'iii dhangaggoottu'uutti cuuphee, qaccee ule'eetitti keyee, akka unuuf ol Yesuusitti qabee, “Eegi me! Eliyaas dhufee fannoo irraa akka isa buusu ilaallaa!” jedhe. Yesuus qoonqoo guddo'oon iyyee du'e. Gollaan Galma Waaqaa keessatti gollaneeranu gubbaa haga gadii addee lamatti tarsa'e. Ajajaan dhibbaa, ka achi fannoo Yesuusii dura dhaabbateeru, akka inni itti du'e dhage'ee, “Dhugumaan, nami kun Ilma Waaqaa ti” jedhe. Dubartooti gariin fagaattanee ilaalisatti jiraniiyyu. Isaan keessaa Maaryamii Magdalaa, Maaryamii haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yoose'ee, Saloomeelle achi jiran. Isaan yennaa inni Galiilaa jiru isa hordofanee, isa tajaajilane. Dubartooti dhibiin ta isa woliin gara Yerusaalemii dhufanelle achi jiran. Guyyaa, guyyaa Sanbataatiin duraa, gaafa qopheeffata Yihudootaa gara galgalaa, Yoseefiin qachaa Armaatiya'aa ka miseensa kora murtii Yihudootaa keessatti ulfaata'aa fi dhufa mootumaa Waaqaa eegatiisatti jiru dhufee, gadhaa jabbeennaan Philaaxoos dura dhikaatee reeffa Yesuusii akka isaa kennuuf gaafate. Philaaxoos akka Yesuus qaata du'e yennaa dhage'ee maadeffate. Inni ajajaa dhibbaa waamee akka Yesuus du'eeru isa gaafate. Philaxoos ajajaa dhibbaa irraa oduu fuudheen duuba, reefa Yoseefiif kenne. Yoseef woyaa qoola bitee reeffa Yesuusii faannoo irraa buusee, itti maree, boolla awwaalaa ka dhakkaa keessatti bocamee qophoyeerutti awwaale. Achiin duuba dhakaa guddaa gangalchee afaan boollaa duuche. Maariyaamiin qachaa Magdala'aatii fi Maariyaamiin haati Yoseefii addee reeffi Yesuusii itti awwaalame hubatanee dhaggane. Guyyaan Sanbataa dabareeruun duuba, Maariyaamiin qachaa Magdala'aa, Maariyaamiin haati Yaaqoobitii, Salomeellee dhaqanee nafa Yesuusii issiisaaf fiqiree bitane. Isaan guyyaa Dilbataa barii halkaniin, yennaa aduun baatu, gara boolla awaalaa dhaqane. Isaan kara'atti, “Eennutti afaan boolla awwaalaa irraa dhakaa nu'uuf gangalchaa?” woliin jedhane. Ammoo yennaa itti hiiqanee ilaalanee dhakaan guddaan bineensi sun duruu irraa garagalfameeruun dhaggane. Isaan boolla awwaalaa keessa yennaa seenane dargaggeessi tokko, woyaa adii uffatee gara middaatitti tee'eeruun dhagganee rifatane. Inni ammoo, “Hin rifatina'a! Isin Yesuusii Naaziretii ka fannifame barbaaddan. Inni ka'eera; as hin jiru. Addee isa keyane kunoo ilaala'a! Amma deema'aatii, barattoota isaatii fi Pheexroositti, ‘Inni isiniin dura Galiilaa dhaqa; akkuma isinitti hime achitti isa hin dhaggitan’ jedha'aa hima'a” isaaniin jedhe. Maarre dubartooti naasu'uun bararaqanee, boolla awwaalaa keessaa baayanee baqatane. Isaan waan sodataneeranuuf eennuulletti womaa hin dubbanne. [ Yesuus Dilbata ganama du'aa ka'een duuba, dursee Mariyaamii qachaa Magdala'aa, ta inni ayyaanoota hamoota torba keessaa baaseerutti mudhate. Isiin gara worra duri isa woliin jiranuu, ka guddoo booyiisatti jiranuu dhaxxee hinte. Isaan Yesuus hin jira jechuu isi'iitii fi akka isa dhaggitelle yennaa dhage'ane hin dhuggeeffane. Eegii san Yesuus, barattooti lamaan qachaa keessaa bayanee adoo ideemiisatti jiranuu bifa dhibi'iin itti mudhate. Isaan deebi'anee worra kaanitti waan kana yennaa himane, isaan ammoo hin dhugeeffanne. Eegii san Yesuus, barattooti kudhanii tokko adoo areerratiisatti jiranuu itti mudhate. Sababa isaan dhugeeffannaa dhabanee fi worra du'aa ka'iisa isaa dhaggane dhugeeffatiisa dhabiisaan mataa jabaataneef, inni isaan dheekkame. Achiin duuba inni, “Gara biyya lafaa duudii dhaqa'aatii, kolbaa maratti Oduu Gammadaa lallaba'a. Nami dhugeeffatee cuuphame mara hin fayya; ammoo ka hin dhugeeffanne mara itti murama. Worri anatti dhugeeffatu baasota akka tolchuuf hunni hin kennama. Isaan maqaa kiyyaan durriisota hin baasan; afaan haareyaan hin dubbatan; Yoo dhudhuufaa harkaan qabanee ol fuudhane, yookiin yoo waan nama ijjeesu unanelle isaan hin miidhu; worra fayyaa hin qanne irra harka ifii yoo keyane, worri sunille hin fayya” isaaniin jedhe. Goottaan Yesuus isaan woliin dubbateen duuba, gara ol-gubba'aa fudhatamee, mogguu midda Waaqaatitti tee'e. Achiin duuba barattooti bayanee, addee duudii dhaqanee Oduu Gammadaa lallabane; Goottaan isaan woliin hojjatee baasota hojjatanteen lallaba isaanii mirkaneesse.] Ulfaataa Tewofiloos! Marroo waan odduu teennatti te'ee namooti hedduun barreessiisaaf wodhaananeeran. Ergaa tana worri nu'uuf dabarsane worra jalqabaa jalqabanee ila ifiitiin dhagganee fi worra dubbii tana lallabane. Maarre anille, waan mara jalqabaa jalqabee, akka dansaa waan qoradheeruuf, tarre'etti galchee si'iif barreessuun dansaa teetee anatti mudhatte. Wonni ati baratteertu dhugaa akka teete guutattee akka beettuuf, ani tana godhe. Bara Heroodis mooticha biyya Yihuda'aa te'eerutti, balbala hayyootaa, gooree Abiya'aa keessaa hayyichi Zakkaariyaas jedhamu tokko jira. Niitiin isaalle sanyii Aaronii ti; maqaan isi'ii Elsaabeex jedhama. Isaan lamaanuu ajajaa fi seera Gootta'aa maraaf ajajamaa fuula Waaqaa duratti le'ii dansaa le'ane. Elsaabeex maseena waan teeteef, isaan ijoollee hin qabanu. Isaan lamaanuu guddoo dulloomaneeran. Gaafa tokko, badoon hujii hayyumma'aa ta hayyoota gooree Zakkaariyaasii waan teeteef, Zakkaariyaas fuula Waaqaa duratti hujii hayyummaa ifii hujiisaaf dhikaate. Akka aadaa hayyootaatitti, gara Galma Waaqaa seenee hixaana akka aarsuuf carra'aan filame. Yennaa hixaanni aarfamu san, gumiin alatti daadimatiisatti jirti. Ergamaan Waaqaa addee hixaanni itti aarfamu gara middaatiin dhaabbatee Zakkaariyaasitti mudhate. Zakkaariyaas yennaa isa dhagge rifatee sodaate. Ergantichi Waaqaa ammoo, “Zakkaariyaas hin sodaatin! Waaqi daadimata keeti dhage'eera; niitiin teeti Elsaabeex ilma si'iif hin deetti; maqaa isaalle Yohaannis jettee baatta. Yennaa inni dhalate ati guddoo hin gammadda; kolbaan hedduulle guddoo gammaddi. Inni fuula Gootta'aa duratti guddaa hin te'a; daadhii woyni'ii yookiin untoo macheessitu ijjumaa hin unu; gadaamessa haadha ifiitii jalqabee Ayyaana Woyyichaan hin guutama. Kolbaa Israa'elii hedduu gara Waaqa Goottaa isaanii hin deebisa. Akkuma Eliyaasii raagichaa Ayyaanaa fi hunna qabaatee, yaada abbooti'iitii fi ijoolle'ee tokko tolchiisaaf, kolbaa hin ajajanne gara yaada balchoole'eetitti deebisiisaaf, kolbaalle Gootta'aaf qopheessiisaaf Gootta'aan dura hin ideema” isaan jedhe. Zakkaariyaas Erganticha Waaqaatiin, “Wonni kun akka teetu attamiin beeka? Anii fi haati manaa tiyyalle dulloonneerra” jedhe. Ergantichi Waaqaalle, “Ani Gabri'eel, ka fuula Waaqaa dura dhaabbadhu, oduu gammadaa tana sitti himiisaaf ergamee dhufe. Ati ammoo ergaa tiyya ta yennaa te'uu maltetti, te'uu jirtu hin dhugeeffanne. Waan dhugeeffatiisa dhaddeef haga wonni kun teetutti, afaan hin duudda; dubbatiisalle hin dandeettu” jedhee deebise. Kolbaan yennaa san Zakaariyaas eegatiisatti jirtu, inni Galma Waaqaa keessatti turee jennaan maadeffatte. Inni yennaa gad baye, isaan woliin dubbatiisa dadhabee jennaan, akka inni Galma Waaqaa keessatti mudhii dhaggeeru beekane. Inni dubbatiisa dadhabee harka ifiitiin isaaniif beessisa kenne. Yennaan Zakkaariyaas Galma Waaqaa keessatti tajaajilu hobbaatee jennaan gara mana ifii deebi'ee gale. Eega san adoo hin turin niitiin isaa Elsaabeex ulfoottee, haga ji'a shanii mana ifii keessatti dhokatte. Isiin, “Goottaan tana anaaf godhee, amma gara duubaatitti ana qaabbatee salphinnaa kiyya ka kolbaa oddu'uu na irraa dhoogge” jette. Elsaabeex ulfoottee ji'a ja'eesso'ootitti Waaqi erganticha Gabri'eel gara qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu, gara durra duuddu'uu ta Maariyaam jedhantuu takka erge. Isiin nama Yoseef jedhamu ka sanyii Mooticha Daawwitii keessaa dhalate tokkoof kadhatanteerti. Ergantichi Waaqaa gara isi'ii dhufee, “Ati ta guddoo badhaateertu; nageenni si'iif te'u; Goottaan si woliin jira!” isi'iin jedhe. Maariyaamiin dubbii erganticha Waaqaa mantee “Kun nageya attamiiti?” jettee yaadatte. Ergantichi Waaqaa isi'iin, “Maariyaam, hin sodaatin! Waaqi si badhaaseera. Ati ulfoottee ilma hin deetta; maqaa isaalle Yesuus jettaan. Inni guddaa hin te'a, Ilma Waaqa Ol Aana'aalle hin jedhama. Goottaan Waaqi akkuma abbaa isaa Daawwitii isa hin mootonsa. Inni kolbaa Israa'eliitiif haga barabaraa mootii hin te'a, mootummaan isaalle dhuma hin qaddu” jedhe. Maariyaam eraganticha Waaqaatiin, “Ani durra duuddu'u; tun attam te'iisaa dandeetti?” jette. Ergantichi Waaqaalle deebisee, “Ayyaanni Woyyichi si'itti hin dhufa, hunni Waaqa Ol Aana'aalle si irratti hin buuti. Tanaaf daa'inni woyyichi dhalatu Ilma Waaqaa hin jedhama. Firri teeti Elsaabeex ta maseente jedhante, guddoo dulloontulle, amma ammoo isiinuu ulfoottee kun ji'a ja'eesso'oo ti. Waaqaaf wonni hin dande'anne hin jirtu” jedhe. Maarre Maariyaam, “Ani tajaajiltuu Gootta'aa ti. Akkuma ati jette anaaf teetuutii!” jette. Achiin duuba ergantichi Waaqaa isii biraa deeme. Eega san adoo hin turin Maariyaam kaatee, gara qachaa biyya Yihudaa koobitti'ii keessaa tokko ariifattee dhaxxe. Isiin mana Zakkaariyaasii seentee, Elsaabeex nageya fuute. Elsaabeex nageya Maariyaami'ii yennaa dhageette, annuun gadaamessa isi'ii keessa utaale. Elsaabeex Ayyaana Woyyichaan guutantee, qoonqoo ol qabattee, “Ati dubartii mara caalaa ta eebbifante, mucaan ati deettulle ka eebbifame! Haati Goottaa kiyyaa gara kiyya dhuttee, akka ana dubbittuuf ulfinni akkanaa maaf anaa te'e? Akkuma qoonqoo nageya fuudhiisa keetii gurri kiyya dhage'een, finni gadaamessa kiyya keessaa gammadee utaale. Dubbiin Goottaan isi'itti dubbate akka muummottu ta dhugeeffatte ta badhaate” jette. Maariyaam, “Lubbuun tiyya Goottaa galateessiti; ayyaanni kiyyalle Waaqa fayyisaa kiyyatti hin gammada. Inni garbittii ifii gad aantuu qaabbateera; ammaa jalqabee dhalooti duudiin ta badhaate anaan jedha. Waaqi dande'aan waan guddoo anaaf godhe. Maqaan isaalle woyyicha. Marartiin isaa worra isa sodaatuuf dhalootaa haga dhalootaa ti. Inni dandeettuu irree ifii mudhisee, worra kooru yaada gadhaa isaanii woliin firfisse. Mootota jajjaba barcumaa mootummaa isaanii irraa buusee, worra gad aanaa ol kaase. Worra beelowe waan dansa'aan quussee, dureeyyii harka duwwaa gad lakkise. Abbootii teenna Abrahaamii fi sanyii isaa maraaf addii haga bara baraa kenne qaabbatee, marartii ifiitiin garbicha ifii Israa'el gargaareera” jette. Maariyaam gara ji'a sadii Elsaabeex woliin turtee, achiin duuba gara mana ifii deebite. Elsaabeex yennaan deettu geennaan, ilma deette. Ollootaa fi firoottan isi'ii akka Goottaan isi'iif guddoo marare dhagganee, isii woliin gammadane. Guyyaa saddeetesso'oo annuu haqanqabaa qabiisaaf worri dhufane, annuu maqaa abba'aatiin, Zakkaariyaas jedhanee baasiisaaf barbaadane. Haati isaa ammoo, “Waawwoo! Maqaan isaa Yohaannis jedhamuu qaba” jette. Isaan isi'iin, “Worra keeti keessaa maqaa kanaan ka waamameeru tokkolle hin jiru” jedhane. Achiin duuba abbaan isaa eennu jedhee maqaa isaa baasiisaaf akka barbaadu beessisaan gaafatane. Zakkaariyaas waan irratti barreessu gaafatee, “Maqaan isaa Yohaannis” jedhe barreesse. Isaan martinuu waan kana baaseffatane. Yennuma san arrabi isaa hiikamee, dubbatiisa dande'ee, Waaqa galateeffate. Ollaan marti waan te'e kana sodaate. Oduun waan kanaalle biyya Yihuda'aa goorittii keessatti addee maratti odeeffante. Dhugumaan hunni Gootta'aa waan isa woliin jirtuuf, worri waan kana dhage'ane martinuu, “Mucaan kun maan te'inna laati?” jedhanee yaadatane. Achiin duuba abbaan isaa Ayyaana Woyyichaan guutamee, “Kolbaa ifii gargaaree, bilisa baasiisaaf waan dhufeef, Goottaan Waaqi Israa'elii galatoomuu! Sanyii Daawwitii tajaajilaa ifii irraa, fayyisaa jabaa nu'uuf kaaseera. Bara durii, afaan raagota woyyootaatiin dubbatee, diinotaa fi harka worra nu jibbuu mara jalaa akka nu fayyisu addii nuuf kenneera. Abbootii teennaaf akka mararu addii kennee fi gondooroo woyyittii ifii qaabbate. Bara le'ii teennaa mara fuula isaa duratti woyyumma'aa fi balchumma'aan, sodaa malee akka isaaf tajaajillu, diinota keenna jalaa akka nu baasu, abbaa keenna Abrahaamiif kakuu gale. Mucaa kiyya, atille, raagicha Waaqa Ol Aana'aa hin jedhanta, karaa Gootta'aa qopheessiisaaf isa dura hin ideenta. Kolbaan Waaqaa araara cubbu'uu kennamuun, beekkuma fayyinnaa akka dhaggattu hinta. Waaqi keenna marara'aa fi gadhaa laafa'a. Inni aduu fayyinnaa nu'uuf hin baasa. Inni worra dukkanaa fi gaaddisa du'aa keessa jiru maraaf hin issa; miila keennalle karaa nageyaatitti hin qajeelcha” jedhee raage. Mucaan guddatee, Ayyanalle'een jabaate; haga guyyaan inni kolbaa Israa'eliititti mudhate gewutti goomolee keessa le'e. Yennaa san worri mootummaa worra Rooma'aa jala jiranu mara akka laakkowamanu, mootiin moototaa Awugisxoos ajaja baase. Laakkossi kolba'aa ka matoomaa kun, bara Qereenewos bulchaa biyya Sooriya'aa te'eerutti te'e. Maarre nami maraa laakkowamiisaaf gara qachaa ifii dhaqe. Yoseefille dhalootaan sanyii Daawwitii waan te'eef, qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu bayee, gara qachaa Daawwitii, ka biyya Yihuda'aa keessatti dhaggamuu Beeteleem dhaqe. Inni intala kadhateeru, ta ulfa qaddu, Maariyaam woliin laakkowamiisaaf achi dhaqe. Adoo isaan Beeteleem keessa jiranuu, yennaan Maariyaamiin deettu geette. Isiin ilma angaficha deettee, mana keessumma'aa keessaa addee buli'ii waan dhabaneef, annuu hoccu'uun martee goongaa keessa irkitte. Dirree adaala biyya saniitti tissitooti halkaniin horii tissaa bulanu jiran. Ergamaan waaqaa dedhuma isaanitti mudhatee, ulfinni Gootta'aalle isaanitti ifee jennaan bararaqane. Ergantichi Waaqaa ammoo, “Hin sodaatina'a! Ani oduu gammadaa ta kolbaa maraaf gammada guddaa teetu isinitti odeessisaaf dhufe. Adha qachaa Daawwitiititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni Goottaa Kiristoos. Beessisi isaalle kana: annuu hoccu'uun maramee, goongaa keessa irkateeruun dhaggitan” isaaniin jedhe. Ergantooti Waaqaa ta ol-gubba'aa hedduun erganticha Waaqaa san woliin dedhuma mudhatanee, “Ulfinni ol-gubba'atti Waaqaaf te'u, lafalle'etti woraa inni jaallatuuf nageenni te'u” jedhanee Waaqaa galateeffatane. Ergantooti Waaqaa tissitoota lakkisanee gara ol-gubba'aa deebi'aneen duuba, tissitooti, “Ka'aa mee, gara Beeteleemii dhandhee, waan te'e kana, ka Goottaan nu'utti hime ilaallaa!” woliin jedhane. Maarre isaan ariifatanee dhaqanee, Maariyaamii fi Yoseef, daa'imalle goongaa keesssa irkateeruun dhaggane. Tissitooti yennaa isa dhaggane, waan ergamaan Waaqaa marroo daa'ima kanaatiif dubbate isaanitti odeessane. Worri waan kana dhage'ane maraa, waan tissitooti isaanitti odeessane baaseffatane. Maariyaam ammoo, waan kana mara gadhaa ifii keessatti qabattee itti yaadatte. Tissitooti akkuma ergamaan Waaqaa isaanitti hime teeteertuun waan dhage'anee fi dhagganne maraaf, Waaqa galateessaa leellisaa deebi'ane. Guyyaan saddeetesso'oo dabareeruun, mucaa haqanqabaa qabiis yennaa geye, akkuma haati isaa adoo hin ulfooyin duratti ergamaan Waaqaa maqaa isaa baase “Yesuus” jedhane. Akka Seerri Muuse'ee ajajutti, yennaan qulqulloomiisaa geennaan, Maariyaami'ii fi Yoseef daa'ima Goottaa duratti dhiyeessiisaaf gara Yerusaalemii geessane. Seera Gootta'aa keessatti, “Ilmi angafichi maraa Gootta'aaf kennamee ka woyyoome te'a” jedhantee barreeffanteerti. Isaan akka seerri Gootta'aa jedhutti, saphaliisa lamaan yookiin ilmoolee cuquliisaa lamaan woreega dhiyeessiisaaf dhaqane. Yennaa san namichi maqaan isaa Simoon jedhamu ka Yerusaalem keessa le'u tokko jira. Inni nama balchaa, ka jiruu ifii Waaqaaf kenneeru. Inni nama fayyinna Israa'ellii eeggatiisatti jiru; Ayyaanni Woyyichille isa irra jira. Masiihii Gootta'aa adoo hin dhaggin akka inni hin duune Ayyaanni Woyyichi itti mudhise. Maariyaamii fi Yoseef akka Seera Muuse'eetittii waan barbaachisu godhiisaaf daa'ima Yesuus gara Galma Waaqaa yennaa fidane, Ayyaanni akka Simoon gara Galma Waaqaa deemu itti hime. Simoon daa'ima fuudhee habbaarratee, “Amma, Goottaa, addii kennite guutteerta, ana tajaajilaa keetille nageyaan addee dhuga'aa geessi. Fayyisiisa keeti ka ati fuula kolbaa maraa duratti qopheessite, ilti tiyya dhaggiteerti. Ifi worra Yihudoota hin te'initti mudhisu kun, kolbaa teeti Israa'eliifille ulfinna hin fida” jedhee Waaqa galateeffate. Abbaa fi haati Yesuusii waan Simoon marroo daa'imaatii dubbaate baaseffatane. Achiin duuba Simoon isaan eebbisee, Maariyaami'iin, “Daa'inni kun Israa'el keessatti nama heddu'uuf sababa badi'ii, nama heddu'uufille sababa fayyinnaa akka te'uuf Waaqaan filatameera. Inni beessisa Waaqa biraa kenname, ka kolbaan hedduun mormitu te'ee, yaada isaanii ka dhossa'aa ifatti hin baasa. Gaddi akka goraadee qaramee gadhaa keeti hin woraana” jedhe. Raagittiin Haannaa jedhantu, ta guddoo dulloonteertu takka, intalti Faanu'elii, ta gosa Aseerii achi jirti. Isiin heeruntee woggaa torba teetteen duuba, dhirsi isi'ii du'e. Kanaan duuba woggaan isi'ii saddeettamii afuri haga geettu, isiin Galma Waaqaa keessa laamaa fi daadimataan halkanii fi guyyaa Waaqa tajaajilte. Haannaan yennuma san dhuttee Waaqa galateeffattee, marroo daa'imaa worra bilisa bayiisa Yerusaalemii eegatu maratti dubbatte. Yoseefii fi Maariyaam waan Seerri Gootta'aa ajaju mara hujanee fixaneen duuba, gara qachaa ifii Naaziret, ka Galiilaa keessatti dhaggamuu deebi'ane. Daa'inni guddatee jabaate; qarummaalle'een ka guutame te'e; badhaadhi Waaqaalle isa irra jira. Abba'aa fi haati Yesuusii wogguma wogga'aan guyyaa Jila Irra Dabaramaa gara Yerusaalemii dhaqan. Yennaa Yesuus woggaa kudhanii lama guute, akkuma baratametti isaan gara jilaa dhaqane. Yennaa jilti hobbaate, gara manaa deebi'iisaaf ka'ane; Yesuus ammoo Yerusaalemitti hafe. Abba'aa fi haati isaa waan kana hin beenne. Waan inni worra woliin jiranu woliin jiru seyanee, guyyaa guutuu ideemaneen duuba firootaa fi jaalota ifii bira iyyaafatiisaaf ka'ane. Isaan yennaa isa dhabane, barbaadiisaaf gara Yerusaalemii deebi'ane. Guyyaa sadiin duuba Galma Waaqaa keessatti barsiisota woliin tee'ee, isaan caqasaa gaaffiille isaan gaafatiisatti jiruun dhaggane. Worri isa dhage'ane maraa beekkuma isaatii fi deebii inni deebise baaseffatane. Abba'aa fi haati isaa yennaa achitti isa dhaggane maalalane. Haati isaa, “Ilma kiyya maaf akkana nu tolchite? Anii fi abbaan keeti akka malee yaannee si barbaadiisatti jirra” isaan jette. Yesuus deebisee, “Isin maaf ana barbaaddan? Akka ani mana Abbaa kiyyaa keessa tee'uu male hin beennee?” isaaniin jedhe. Isaan ammoo waan inni dubbate hin hubanne. Achiin duuba Yesuus worra ifii woliin gara qachaa Naaziretii deebi'ee, worraafille ajajame. Haati isaa waan te'e san mara gadhaa ifiititti qabatte. Yesuus Waaqaa fi nama duratti, nafaan, qarumma'aa fi gaaro'oon guddate. Xiberyoos mooticha te'ee woggaa kudhanii shaneesso'ootitti, Phonxoos Philaaxoos bulchaa biyya Yihuda'aa, Heroodis biyya Galiila'aatitti, obboleessi isaa Filiphoos biyya Ixuriya'aatii fi Xuraakonixiititti, Lisaaniyaasille biyya Abiliinya'aatitti bulchitoota biyyaa te'ane. Yennaa Haannaasii fi Qayyaaffaan Yihudootaaf hayyoota gugurdoo te'aneeranutti, Yohaannisiin ilmi Zakkaariyaasii goomolee keessa jiruun dubbiin Waaqaa itti dhutte. Yohaannis adaala biyya Yordaanosii duudii keessa ideemee, “Cubbuu teessan irraa deebi'aatii cuuphama'a; Waaqille cubbuu teessan isiniif hin araarama” jedhee lallabe. Isaayaasiin raagichi marroo Yohaannisiitiif, “Nami tokko goomolee keessatti, ‘Karaa Gootta'aa qopheessa'a; daandii inni irra ideemu qajeelcha'a! Baleen martinuu guutantuu ti, koobii fi gaarri martinuu diriiruu ti. Karaan daddabaan qajeelee, daandiin kattattaan wol qixxoottuu ti. Nami duudiin fayyisiisa Waaqaa hin dhagga’ ” jedhee barreesseera. Yohaannis gumii harka isaatitti cuuphamiisaaf gara isaa dhutteen, “Isin ilmaan buuti'ii! Akka isin mufii Waaqaa ta isinitti dhufaartu jalaa baqattanu eennutti isinitti hime? Cubbuu teessan irraa akka deebitane waan mudhissu tolcha'a. Abbaan keenna Abrahaam jedhiisatti hin ka'ina'a. Waaqi dhakoota kana keessaa fuudhee Abrahaamiif ilmaan tolchiisa akka dande'u ani isinitti hima. Agaraan mukoota hiddatti muriisaaf qophoweera. Muki midhaan dansaa hin buunne maraa muramee ibiddatti hin gatama” jedhe. Jennaan kolbaan, “Yoona nuuti maan tolchinu ree?” jettee Yohaannis gaafatte Inni deebisee, “Nami uffana lamaan qabu ka womaa hin qanneef kennuu ti; ka sagalee qabulle warra hin qanne woliin qoodamuu ti” jedhe. Worri qaraxa guuranu cuuphamiisaaf dhufanee, “Barsiisa'a, nuuti maan tolchinu?” jedhanee isa gaafatane. Yohaannis isaaniin, “Ka seeraan murame caalchittanee hin guurina'a” jedhe Loltooti gariin, “Nuuti hore? Maan goona?” jedhanee isa gaafatane. Innille isaaniin, “Hunnaan namuu irraa beesee hin guurina'a, eennulle dharaan hin himatina'a, mindaan keesssan isiniif gewuu ti” jedhe. Kolbaan hedduun dhufa Kiristoosii eegiisatti waan jirtuuf, “Yohaannis Masiihii te'innaa?” jettee mante. Yohaannis, “Ani amma bisaaniin isin cuupha, ka ana caalu ammoo ana duubaan dhufaara. Ani hidhaa kophee isaa hiikiisaafille nama te'uu moti. Inni Ayyaana Woyyichaa fi ibiddaan isin cuupha. Inni eeddummee ifii keessatti midhaan qulleessiisaaf wobanee harkatti qabateera; midhaan qulleessee gootara'atti hin galcha; huura ammoo ibidda hin dhaanneen guba” jedhe. Yohaannis karaa adda addaa heddu'uun gorsa isaaniif kennaa, Oduu Gammadaa isaanitti lallabe. Heroodisiin bulchaan, Herodiyaas niitii obboleessa ifii fuudhee, waan badduu hedduu dhibiille waan hujeeruuf Yohaannis isa xixe. Heroodis waan badduu ittuma dabalee, Yohaannis mana hidha'aatitti galche. Kolbaan mara cuuphanteen duuba Yesuusille cuuphame. Adoo inni daadimatiisatti jiruu ol-gubbaan banantee, Ayyaanni Woyyichi bifa saphaliisaatiin dhufee isa irra bu'e. Ol-gubbaa irraa, “Ati Ilma kiyya jaallatama'a. Ani si'itti gammadeera” qoonqoon jettu dhage'ante. Yesuus yennaa hujii jalqabu, dhalatee gara woggaa soddomaa ti. Kolbaan, ilma Yoseefii Eeli'ii isa seete. Eeliin ka Maataa'aa, Maataan ka Leewwi'ii, Leewwiin ka Malki'ii, Malkiin ka Yaanaayii, Yaanaayii ka Yoseefii, Yoseef ka Maataatiyaasii, Maataatiyaas ka Amosii, Amos ka Naahomii, Naahom ka Eslii, Esliin ka Naagee, Naageen ka Maa'aatii, Maa'aati ka Maataatiyaasii, Maataatiyaas ka Seeme'ii, Seeme'i ka Yoosee'ee, Yooseen ka Yooda'aa, Yoodaan ka Yo'anaanii, Yo'anaan ka Resaa, Resaan ka Zarubaabelii, Zarubaabel ka Salaati'elii, Salaati'el ka Nerii Neriin ka Melkii, Melkiin ka Adii, Adiin ka Qosaamii, Qosaam ka Elmaadaamii, Elmaadaam ka Eerii, Eer ka Yoshu'aa, Yoshu'aan ka Elii'ezaarii, Elii'ezaar ka Yooraamii, Yooraam ka Maataatii, Maataat ka Leewwii, Leewwiin ka Simi'oonii, Simi'oon ka Yihuda'aa, Yihudaan ka Yoseefii, Yoseef ka Yoonaam, Yoonaam ka Eliyaaqimii, Eliyaaqim ka Meleyaa, Meleyaan ka Maayinaanii, Maayinaan ka Maaxaataa, Maaxaataan ka Naataanii, Naataan ka Daawwitii, Daawwit ka Iseyii, Iseyi ka Yoobeedii, Yoobeed ka Bo'azii, Bo'az ka Salmoonii, Salmoon ka Nahasoonii, Nahasoon ka Aminaadaabii, Aminaadaab ka Aaraamii, Aaraam ka Arnii, Arni ka Hesromii, Hesrom ka Faaresii, Faares ka Yihuda'aa, Yihudaan ka Yaaqoobii, Yaaqoob ka Yisihaaqii, Yisihaaqi ka Abrahaamii, Abrahaam ka Taara'aa, Taaraan ka Naahorii, Naahor ka Serugii, Serugi ka Raagaawuu, Raagaawu ka Felegii, Feleg ka Eberii, Eber ka Shala'aa, Shalaan ka Qaayinaamii, Qaayinaam ka Arfaakisaadii, Arfaakisaad ka Seemii, Seem ka Nohii, Nohi ka Laamekii, Laameki ka Matusaala'aa, Matusaalaan ka Heenokii, Heenoki ka Yaaredii, Yaared ka Mahalaalelii, Mahalaaleli ka Qaayinaanii, Qaayinaan ka Enoshii, Enoshi ka Sheetii, Sheeti ka Addaamii, Addaam ka Waaqaa ti. Yesuus Ayyaana Woyyichaan guutamee laga Yordaanositii yennaa deebi'e, Ayyaanni gara goomole'ee isa geesse. Achitti guyyaa afurtama Seexanaan ataabame. Guyyoota san inni womaa waan hin nyaatiniif dhuma guyyoota saniititti belowe. Seexanni isaan, “Ati Ilma Waaqaa yoo teete, dhakaan kun daabboo akka te'u ajaji” jedhe. Yesuus deebisee, “Barreeffam woyyichi, ‘Nami sagalee calla'aan hin le'u’ jedha” jedhe. Achiin duuba Seexanni gara addee ol aantuu gubbaa isa geessee, yoosuma mootummaa biyya lafaa irra jirtu mara itti mudhise. Seexanni Yesuusiin, “Ani kana maraa irratti ulfinnaa fi baallii si'iif hin kenna. Kun maraa waan anaaf kennameeruuf, ani ka jaalladheef kennuu hin dande'a. Maarre yoo anaaf sagadde, kun maraa keeti te'a” jedheen. Yesuus deebisee, “Barreeffam Woyyichi, ‘Goottaa Waaqa keetii sagadi; isa calla'aafille tajaajili!’ jedha” jedheen. Achiin duuba Seexanni gara Yerusaalemii isa geessee, guutuu Galma Waaqaa gubba'atti dhaabbachiisee, “Barreeffam Woyyichi, ‘Waaqi ergantoota ifii akka si eeganuuf hin ajaja. Isaanille miila keeti dhakaan akka hin miine harka ifiitiin ol si hin qaban’ waan jedhuuf, ati Ilma Waaqaa yoo teete, asi gubba'aa ifi gad darbi” isaan jedhe. Yesuus deebisee, “Barreeffam Woyyichi, ‘Goottaa Waaqa keeti haga hin ilaalin’ jedha” jedheen. Seexanni karaa maraan isa ataabeen duuba haga yenna'aatiif isa biraa deeme. Achiin duuba Yesuus hunna Ayyaana Woyyichaatiin gara Galiila'aa deebi'e. Gurri isaa adaala san maratti odeeffame. Inni manoota waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barsiisee, nami marti isa galateesse. Achiin duuba Yesuus gara lafa itti guddatee, Naaziret dhaqee, guyyaa Sanbataa akkuma aadaa ifii Mana Waaqeffannaa Yihudootaa dhaqe. Yennaa inni Barreeffama Woyyicha dubbisiisaaf ka'e, kitaaba Isaayaasii raagichaa itti kennane. Maraa kitaaba sanii diigee, “Ayyaanni Gootta'aa ana irra jira, worra hiyyeeyyi'iif Oduu Gammadaa akka himuuf ana muudeera. worra booji'ameef bilisummaa akka lassuuf, worra ballaa akka dhaggisiisuuf, worra miicame akka baasuuf, woggaa Goottaan kolbaa ifii fayyisulle akka lassuuf na ergeera” dubbiin jettu addee itti barreeffanteertu dhagge. Yesuus kitaaba san maree, namicha eegutti kennee tee'e. Kolbaan Mana Waaqeffannaa Yihudootaa san keessa jirtu marti adoo ila irraa hin caffatin isa ilaalte. Achiin duuba Yesuus isaaniin, “Akkuma dubbifamuun dhageettane, Barreeffam Woyyichi kun adha muummaye” jedhe. Isaan martinuu marroo isaa waan dansaa dubbatanee, dubbii maso'oo ta inni dubbate baaseffatanee, “Inni ilma Yoseefiitii motii?” jedhane. Yesuus isaaniin, “Isin dhugumaan mammaassa, ‘Cidheessa, dursii ifi fayyis!’ jedhu anatti hin mammaattan. Waan qachaa Qifirnaahoomiititti tolchitelle, ta nuuti dhageenne as qachaa keeti keessattille tolchi hin jettan” jedhe. Itti dabaleelle, “Ani dhugumaan isinitti hima, raagaan tokko biyya ifiititti fudhatama hin qabu. Dhugumaan, bara Eliyaasii raagichaatiitti woggaa sadii fi ji'a jaan bokkeenni dhabamee, lafa san duudii keessatti beelti hantuun yennaa galte, biyya Israa'elii keessatti haadhotiin hiyyeessaa hedduun jirti. Eliyaas ammoo gara haadha hiyyeessaa ta biyya Sidoonii keessatti qachaa Saraaphta'aa keessa leetuu takka malee, gara dhibii gara nama tokkoolle hin erganne. Akkasuma bara Elsaa'ii raagichaatitti kolbaan hedduun ta dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan dhibanteertu jirti; ammoo, isaan keessaa Na'amaanii namicha biyya Sooriya'aa malee, nami tokkolle hin fayyine” jedhe. Worri mana waaqeffannaa Yihudootaa keessa jiranu mara yennaa kana dhage'ane, akka malee aarane. Isaan ol ka'anee, Yesuus qachaa keessaa harkisanee baasanee qile'etti gad qolaansiisaaf barbaadanee, gara ededa gooroo qachaan isaanii irratti ijaarameeruutitti isa geessane. Inni ammoo isaanuma oddu'uun dabaree kara'atti bayee deeme Achiin duuba Yesuus gara qachaa Qifirnaahoomii, ka Galiilaa keessatti dhaggamuu tokko dhaqee, guyyaa Sanbataa kolbaa barsiise. Waan inni baalli'iin barsiiseef, isaan martinuu barsiisiisa isaa baaseffatane. Namichi Ayyaana hama'aan qabameeru tokko mana waaqeffanaa Yihudoota keessa jiraayyu. Inni qoonqoo guddo'oon, “Eeyyaa! Yesuusii nama Naaziretii, haajaa maan nu woliin qadda? Nu balleessiisaaf dhuttee? Ani ebeluu keeti hin beeka! Ati Woyyicha Waaqaa ti” jedhee iyye. Yesuus ayyaana hama'aan, “Cadhisi! Keessalle'ee bayi!” jedhee xixe. Ayyaanni hamaan sun fuula isaanii duratti namicha gad jissee, womaa adoo isa hin miidhin keessaa baye. Kolbaan martinuu baaseffatee, “Dubbiin akkasii tun maan? Ayyaanota hamootalle baalli'ii fi hunnaan xixa; isaanille isaaf hin ajajaman” wol woliin jette. Gurri Yesuusii adaala biyya sanii maratti dhage'ame. Yesuus Mana Waaqeffannaa Yihudootaatii bayee gara mana Simoonii dhaqe. Haati sodda'aa ta Simoonii dhukkuba nafa o'isu jaba'aan dhibanteertiiyyu; isaanille akka inni isii gargaaruuf itti himane. Maarre Yesuus itti dhi'aatee cinaa isi'ii dhaabbatee, dhukkuba nafa o'isu san xixee, dhibeen isii lakkitte. Yennuma san ol kaatee isaanii areerte. Yennaa aduun seente, worra dhukkuba adda addaatiin dhibamane maraa gara Yesuusii fidane. Inni isaan mara irra harka ifii keyee fayyise. Durriisotille Yesuusiin, “Ati Ilma Waaqaa ti” jedhaa kolbaa hedduu keessaa iyyaa bayane. Ammoo waan isaan akka inni Kiristoos te'e beekaneef, xixee dubbatiisa isaan dhoogge. Yennaa latti bariite Yesuus achii bayee, gara addee qoommi'ii dhaqe. Kolbaan isa barbaadiisa kaatee, yennaa dhaggite, akka inni isaan lakkisee hin deemne dhooggiisaaf wodhaante. Inni ammoo isaaniin, “Ani Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa qachoota dhibiille'etti lallabu'uu male; ani akka tana hujuuf ergame” jedhe. Maarre inni manoottaan waaqeffannaa Yihudootaa ka biyya Yihuuda'aa keessatti dhaggamuu keessatti lallabiisa itti fufe. Gaafa tokko Yesuus qarqara abbaayaa Genesaarexii dhaabbateeruun, kolbaan dubbii Waaqaa dhage'iisaaf gara isaa wol dadarbite. Inni hoboloota lamaan qarqara abbaayya'aatti dhagge; worri qurxummii guuru hoboloota achitti lakkisee caccoota dhiqatiisatti jiraayyu. Yesuus hoboloota san keessaa gara takkatti'ii, ta Simoonii seenee, akka inni qarqara abbaayaa irraa diqqoo gara keessaa hiissu isa gaafate. Achiin duuba Yesuus hoboloo keessa tee'ee gumii barsiise. Yennaa dubbii ifii fixate, Simooniin, “Gara ila bisaanii hoboloo hiissiitii, qurxummii qabiisaaf caccoota teessan gad buusa'a” jedhe. Simoonille, “Barsiisa'a, eda halkan duudii guddoo itti dadhabaa bulle, ammoo womaa hin qabanne. Amma ammoo, yoo ati jette ani caccoota hin buusa” jedheen. Isaan caccoota buusanee, haga caccooti isaanii tarsa'iisa geettutti qurxummii hedduu qabatane. Isaan lansooti isaanii ka hoboloo dhibii keessa jiranu dhufanee akka isaan gargaaranuuf haatatane. Isaanille dhufanee hobolooti lamaanuu haga gad lixiisa geettutti qurxummi'iin akka malee guutane. Simoon Pheexroos waan te'e kana yennaa dhagge, fuula Yesuusii duratti jilbiiffatee, “Goottaa kiyya ani cubbichaa, anatti hin dhikaatin!” jedhe. Simoonii fi worri isa woliin jiranu maraa qurxummii hedduu waan guurataneef akka malee baaseffatane. Akkuma worra kaanii, lansoota Simoonii ka te'ane, ilmaan Zabdewosii Yaaqoobii fi Yohaannisille baaseffatane. Yesuus Simooniin, “Hin sodaatin! Haganaa achi kolbaa guurta” jedhe. Isaan hoboloota harkisanee qarqaratti baasanee, waan mara lakkisanee Yesuus hordofane. Gaafa tokko Yesuus qachaa tokko keessa adoo jiruu, namichi dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru ka achi jiru tokko, yennaa isa dhagge, Yesuus duratti gad jigee, “Ee Goottaa, yoo fedha keeti te'e ana fayyisi ” jedhee kadhate. Yesuus harka ifii diriifatee, isa qabee, “Hin fedha fayyi” jedhe. Yennuma san dhukkubi goga'aa farrisiisaan namicha lakkise. Yesuus namichaan, “Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii hayyichatti ifi mudhisi; akka ati fayyite, nami mara akka beekuuf, fayyuu keetiif, qodha Muuseen ajaje kenni!” jedhee seere. Gurri Yesuusii ammoo addee maratti dhage'amee, gumiin guddoon isa dhage'iisaa fi dhukkuba ifii irralle'ee fayyiisaaf gara isaa dhutte. Inni ammoo yennaa hedduu addee qoommi'ii dhaqaa daadimate. Gaafa tokko Yennaa Yesuus barsiisu, Fariisaayotii fi barsiisoti Seera Muse'ee, olloota Galiila'aa fi Yihudaa keessatti dhaggamanu mara keessaa, Yerusaalemille'ee dhufaneeranu achi tetee'aneeran. Yesuus worra dhibamane akka fayyisuuf, hunni Gootta'aa isa woliin jirtiyyu. Jarri tokko namicha laashoweeru tokko rare'een ba'atanee dhufanee, gara manaa seensisanee fuula Yesuusii dura keyiisaaf wodhaanane. Ammoo waan kolbaan heddatteef, karaa seensisanu dhabanee, mana gubbaa yaabanee, heellichoo manaa saaqanee, rare'eenuu woliin kolbaa oddu'utti, fuula Yesuusii duratti gad buusane. Yesuus dhugeeffannaa isaanii yennaa dhagge, namichaan, “Abboo, cubbuu teeti maraaf araarri kennameera” jedhe. Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti, “Namichi Waaqa faanshessu kun eennu inni? Waaqa tokkocha malee eentu cubbuu namaaf araaramiisaaf dande'a?” jedhaa yaadatane. Yesuus yaada isaanii beekee, “Isin maaf waan akkanaa kana gadhaa keessan keessatti yaadattan? ‘Cubbuu teeti maraaf araarri kennameera’ jechu'u moo yookiin, ‘Ol ka'ii ideem’ jechu'utti kaso'o? Amma ammoo ani Ilmi Namaa cubbuu araaramiisaaf lafa irratti baallii akka qabu akka beettannu” jedhee, namicha laashoweeruun, “Ol ka'i! Raree teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi!” jedhe. Yennuma san namichi fuula isaanii duratti ol ka'ee, itillee irra irkataa ture fudhatee, Waaqa galateeffataa gara mana ifii deeme. Isaan martinuu akka malee baaseffatanee, guddoo sodaatanee, “Adha baasa guddaa dhaggine!” jedhaa Waaqa galateeffatane. Kanaan duuba, Yesuus achii deemee, namicha qaraxa guuru ka Lewwii jedhamu tokko, addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, “Na hordofi” jedheen. Lewwiin ol ka'ee, waan mara lakkisee, isa hordofe. Achiin duuba Lewwiin mana ifiititti, areertii guddaa Yesuusiif qopheesse. Worri qaraxa guuru heddu'uu fi worri dhibiille isaan woliin areeratiisaaf tetee'aneeran. Fariisaayotii fi worri golii isaanii te'ane barsiisoti Seera Muuse'ee gariin, “Isin worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin maaf nyaattan? Maaf untan?” jedhanee barattoota Yesuusiititti gungumane. Yesuus deebisee, “Worra fayyaa hin qannee malee, worra fayyaaleyyi'iif cidheessa hin barbaachisu. Ani cubbaaleyyii gara cubbuu irraa deebi'iisaa waamiisaaf malee, balchootaaf hin dhunne” isaaniin jedhe. Namooti gariin Yesuusiin, “Barattooti Yohaannisii yennaa hedduu laamaa daadimatan. Barattooti fariisaayotaalle akkasuma tolchan, barattooti teeti ammoo hin nyaatanii, hin unan” jedhane. Yesuus deebisee, “Worri jila fuudhaa fi heerumaatii waamame adoo waajibichi isaan woliin jiruu, akka laamu isin hin tolchitanii? Hin tolchitanu! Yennaan waajibichi isaan biraa fudhatamu ammoo hin dhutti. Isaan yennaa san laaman” isaaniin jedhe. Yesuus itti aansee, mammaassalle itti mammaakee, “Eennulle woyaa haareya tarsaasee woyaa dullatti'itti hin erbu. Yoo akkana tolche, woyaa haareya san hin tarsaasa. Erbeen woyaa haareyaa woyaa dullatti'iin wol hin fuutu. Akkasuma daadhii woyni'ii ta hin baayiin qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu. Yoo akkana tolche, daadhiin sun qalqalluu san hin dhoochi, daadhiin hin jiddi, qalqalluulle hin bada. Tanaaf daadhiin hin bayiin qalqalluu haareyatti naqamu'uu malte! Nami daadhii woyni'ii ta baate uneen duuba ta hin baayiin uniisaaf barbaadu hin jiru. Inni, ‘Ta baate woyya’ jedha” jedhe. Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabaruun, barattooti isaa mataa qamadi'ii kukkutanee, harkaan sukkuumatanee, nyaatane. Fariisaayoti gariin, “Isin waan Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin hin tolchina'a jedhu, maaf tolchitan?” jedhanee gaafatane. Yesuus deebisee, “Daawwitii fi worri isa woliin jiranu yennaa beelowane, waan inni tolche isin hin dubbinnee? Inni gara mana Waaqaa seenee, daabboo Waaqaaf kennante, ta silaa hayyoota malee nami tokkolle akka hin nyaanne Seerri dhoogu fuudhee nyaatee, worra isa woliin jiranuufille kenne” jedheen. Achiin duuba Yesuus isaaniin, “Ilmi Namaa Goottaa Sanbataa ti” jedhe. Guyyaa Sanbata dhibi'ii Yesuus gara Mana Waaqeffannaa Yihudootaa dhaqee barsiise. Namichi harka middicha laashoweeru tokko achi jira. Barsiisoti Seera Muse'eetii (hikkaan gariin barreesiitoota qofa jedha) fi Fariisaayoti gariin sababa Yesuus ittiin himatanu barbaadanee, akka inni guyyaa Sanbataatiin namicha fayyisu gaadane. Yesuus ammoo yaada isaanii beekee namicha harka laashoweeruun, “Ol ka'i, fuula nama maraa dura dhaabbadhu!” jedhe. Jennaan namichi ol ka'ee achi dhaabbate. Achiin duuba Yesuus isaaniin, “Ani isin gaafadha: Seerri keenna guyyaa Sanbataatiin maan akka tolchinu nu ajaja? Dansaa moo hamaa tolchuu? Lubbuu namaa fayyisuu moo balleessuu?” jedhe. Yesuus adaala isaanii mara ilaaleen duuba, “Namichaan harka keeti diriirfadhu” jedhe. Jennaan, inni harka diriirfatee, harki isaa deebi'ee fayye. Isaan akka malee aaranee Yesuus maan akka tolchanu mari'atane. Gaafa tokko Yesuus gara gaaraa ol bayee halkan san duudii Waaqa daadimataa bule. Yennaa latti bariite barattoota ifii gara ifii waamee, isaan keessaa worra kudhanii lamaan filatee ergantoota jedhee moggaase. Isaanille, Simoon ka inni Pheexroos jedhee moggaase, Indiryaasii obboleessa Pheexroosii, Yaaqoob, Yohaannis, Filiphoos, Bartolomewoos, Maatewoos, Toomaas, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Simoon ka, “Hinaatticha” jedhamee beekkame, Yihudaa ilma Yaaqoobiitii fi Yihudaa nama biyya keriyootii, ka Yesuus dabarsee kenne fa'a. Yesuus ergantoota woliin gaara irraa yennaa gad bu'e, barattoota ifii worra laakkossaan heddu'uu tokko woliin addee dirree takka dhaabbate. Gumiin hedduun ta Yihudaa keessaa mara, Yerusaalem keessaa, qachoota cinaa abbaayaa Xiroosiitii fi Sidoon keessalle'ee achi jirti; isaan isa dhage'iisaa fi dhukkuba ifiille fayyiisaaf dhufane. Worri ayyaana hama'aan rakkatanelle fayyane. Hunni fayyittu isa irraa baayaa isaan mara waan fayyisiisatti jirtuuf, kolbaan marti harka ifiitiin isa tuqiisaaf wodhaante. Ahiin duuba Yesuus barattoota ifii ilaalee, “Isin worri amma hiyyeeyyiin gammada'a; mootummaan Waaqaa teessan! “Isin worri amma beelottanu gammada'a; hin quuttan! “Isin worri amma boottanu gammada'a; hin kollitan! “Sababa Ilma Namaatiif, yennaa kolbaan isin jibbitee, isin fojjee, isin arrasitee gurra isin balleessite, gammada'a! Gatii guddoo ol-gubba'atti waan qaddanuuf yennaa wonni kun teete gammadaan burraaqa'a. Abbootiin isaaniille raagota akkasuma tolchite. “Isin worra amma dureeyyi'iif aanne'e; ka isin gewu fudhattaneertan! “Isin worra amma quuttaneef aanne'e; hin beelottan! Isin worra amma kolluuf aanne'e; gadditanee hin boottan! Yennaa kolbaan marti isin saadde isiniif aanne'e; abbootiin isaaniille raagota dharaa akkasumma tolchite. “Ani ammoo isin worra ana dhageettanuuf hima: Diina keessan jaalladha'a, worra isin jibbuuf waan dansaa godha'a. Worra isin abaaru eebbisa'a, worra isin yakkulle'eef daadimadha'a! Yoo nami boqoo takkaa si dhabanaase, taanille itti garagalchi; yoo nami kootii teeti fudhate, shaamisiille hin dhooggatin! Nama si kadhatu maraaf kenni, nami tokko yoo waan keeti fudhate, akka inni si'iif deebisu hin gaafatin. Waan namooti dhibiin akka isinii godhanuuf barbaaddanu isinille isaaniif godha'a. “Worra isin jaallatu callaa yoo jaallattane, eebba maan dhaggattan ree? Cubbaaleyyiinuu worruma isaan jaallatu jaallatan. Worra waan dansaa isinii godhu calla'aaf yoo dansaa gootane, eebba maan dhaggattan ree? Cubbaaleyyiinuu akkuma san godhan. Worra akka isinii deebisu addattanu calla'aaf yoo liqeessitane, eebba maan dhaggatan ree? Waan liqeessane san deebi'anee fudhatiisaaf, cubbaaleyyiinuu cubbaaleyyi'iif hin liqeessan. Isin ammoo diinota keessan jaalladha'a, waan dansaalle isaaniif godha'a. Nu'uuf deebisan jettanee adoo hin yaadin liqeessa'a. Tana yoo gootane gatii guddoo hin dhaggattan, ijoollee Waaqa Ol Aana'aalle hin teetan. Inni worra galata hin qannee fi dabaaleyyi'iifille arja'a. Abbaan keessan ka ol-gubba'aa ka namaaf mararu akka te'e, isinille namaaf marara'a. “Namatti hin murina'a, Waaqille isinitti hin muru; yakkaa namatti hin murina'a, Waaqille yakkaa isinitti hin muru; namaaf araarama'a, Waaqillee isiniif hin araarama. Namaaf kenna'a, Waaqille isiniif hin kenna. Safaraa dansa'aan, gad miicamee, gingilfamee, irraan danbalaafamee isinii hin kennama. Safaraa isin worra dhibi'iif itti safartanetti Waaqille isiniif safara” jedhe. Yesuus ittille mammaakee, “Ballaan ballaa sooressiisaaf hin dande'a? Yoo sooresse, isaan lamaanuu bowwaa bu'an. Barataan tokko barsiisaa hin caalu; ammoo nami leenjii guutuu fudhate maraa, akka barsiisaa ifii hin te'a. “Huura ila obboleessa keetii keessa jiru maaf ilaalta? Jigeessa ila teeti keessa jiru ammoo maaf hin hubanne? Jigeessa ila teeti keessa jiruu adoo hin dhaggin, attamiin obboleessa keetiin, ‘Obboleessa kiyya, huura ila teeti keessa jiru san sii fuudha’ jedhuu dandeetta? Ati nama kijiba'a! Dursiitii jigeessa ila teeti keessa jiru fudhadhu, achiin duuba huura ila obboleessa keetii keessa jiru fuudhiisaaf miidhassitee dhagguu hin dandeetta” jedhe. “Muki dansaan midhaan hamaa hin buusu, muki hamaalle midhaan dansaa hin buusu. Muki martinuu midhaan buusuun beekkama; midhaan harru'uu waaccuu irraa yookiin midhaan woyni'ii kom'olcha irraa hin guuranu. Nami dansaan dansummaa gadhaa ifii keessaa waan dansaa baasa; nami hamaalle hammeenna gadhaa ifii keessaa waan hamaa baasa. Waan gadhaa guute afaan dubbata. “Waan Ani isinitti himu adoo hin tolchin, maaf, ‘Goottaa, Goottaa’ jedhaa na waantan. Nami gara kiyya dhufu, ka dubbii tiyyalle dhage'ee hujii irra oolchu, eennu akka fakkaatu Ani isinitti mudhisa. Inni nama mana ifii rassaa irratti gad fageessee qotee ijaarrate tokko fakkaata. Yennaa lolaan itti lola'ee mana san darbe ammoo rassaa irratti waan ijaarameeruuf, tachoosuu hin dandeenne. Nami dubbii tiyya dhage'ee hujii irra hin oolchine ammoo, nama hundee mana ifii adoo gad fageessee hin dhaabin ijaarrate fakkaata. Lolaan dhufee mana san yennaa darbe, takkumaan jigee, akka malee butute” jedhe. Yesuus waan san mara kolba'aan jedheen duuba, gara Qifirnaahoomii deeme. Ajajaan dhibbaa ka worra Rooma'aa tokko achi jiraayyu; tajaajilaan inni guddoo jaalatu akka malee dhibamee du'iisaaf dhi'aateeraayyu. Ajajaan dhibbaa gurra Yesuusii yennaa dhage'e, akka inni dhufee tajaajilaa isaa fayyisuuf maanguddooti Yihudootaa gariin akka isa gaafattu itti erge. Isaan gara Yesuusii dhufanee, “Nami kun dhugumaan qarqaarsa keeti dhaggachuu qaba. Inni kolbaa teenna jaallata, Mana Waaqeffannaa Yihudootaalle nu'uuf ijaareera” jedhaa jabeessanee kadhatane. Maarre Yesuus isaan woliin dhaqee, Yennaa gara manaa dhi'aate ajajaan dhibbaa jaalota ifii itti ergee, “Goottaa kiyya, ati mana kiyya seeniisaaf ani nama malee moti! Ifi hin rakkisin; maaf jennaan, ani nama gara keeti dhufiisaaf malee moti. Ammoo afaanuma calla'aan ajaji, mucaan kiyya hin fayya. Anille nama baallii ol aantuu qabu jala nama jiru, loltoota ifiin jalatti ajajulle qaba. Isaan keessaa nama tokkoon, ‘Deemi’ yoo jedhe, innille hin deema; ka dhibi'iin ‘Koyi’ yoo jedhe, innille hin dhufa; tajaajilaa kiyyalle'een, ‘Kana huji’ yoo jedhe hin huja” jedhe. Yesuus tana yennaa dhage'e baaseffatee gara worra isa hordofuu midhatee, “Ani isinitti hima, dhugeeffannaa guddoo akkasii Israa'el keessalle'etti ijjumaa hin dhaggine” isaaniin jedhe. Worri ergamanelle gara mana ajajaa dhibbaa deebi'anee yennaa dhufane tajaajilaan isaa fayyeeruun dhaggane. Eega san adoo hin turin, Yesuus gara qachaa Naayin jedhamuu tokko dhaqe; barattooti isaatii fi gumiin guddoolle isa woliin deemane. Yennaa Yesuus seensuma karra qacha'aa bira geye, namooti reeffa ba'ataneeranu itti dhufane. Nami du'eeru sun haadha hiyyeessaa takkaaf ilma tokkocha. Gumiin guddoon qachaa sanii isii woliin jirt. Goottaan yennaa isii dhagge, nayeefii, “Hin booyin” jedheen. Itti hiiqeelle raree reeffaan ba'ataneeranu harkaan tuqe. Worri reeffa ba'ateerulle dhaabbate; Yesuus, “Dargaggeessa! Ani si'iin jedha ka'i!” jedhe. Dargaggeessi du'e sun ol ka'ee tee'ee dubbatiisa jalqabe. Achiin duuba Yesuus deebisee haadhaaf isa kenne. Isaan martinuu sodaatanee, “Raagaan guddaan nu'uma keessaa ka'eera; Waaqi kolbaa ifii fayyisu'uuf dhufeera” jedhanee Waaqa galateeffatane. Gurri Yesuusii biyya Yihuda'aa maraa fi adaala biyya sanii maratti dhage'ame. Barattooti Yohaannisii waan kana mara yennaa isatti himane, Yohaannis barattoota ifii keessaa lamaan waamee, “Ka dhufu'uu male si'iiyyu moo ka dhibii eegganna?” jedhee, akka Goottaa gaafatanuuf erge. Worri ergamane yennaa gara Yesuusii dhufane, “Yohaannisiin cuuphaan, ‘Ka dhufu'uu male si'iiyyu moo ka dhibii eegganna?’ jedhee gara keeti nu ergeera” jedhaneen. Yennuma san Yesuus kolbaa hedduu dhibee irraa, dhukkuba adda addaa irraa, ayyaanota hamoota irraa fayyisee, worra ila balla'aa hedduulle ila bane. Eergantoota Yohaannisiitille'een, “Deebi'aatii, waan dhaggitanee fi waan dhageettane Yohaannisitti hima'a! Ballaan hin dhagga, naafi hin ideema, ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru hin fayya, duudaan hin dhage'a, du'aan hin ka'a, Oduun Gammadaa hiyyeeyyi'iif hin lallabanti. Nami mamee anaan hin gufanne ka badhaadhe!” jedhe. Ergantooti Yohaannisii deemaneeranuun duuba, Yesuus marroo Yohaannisii gumi'itti dubbatiisa jalqabee: “Maan ilaaliisaaf gara goomole'ee dhaxxane? Shonbooqqoo qilleensi daassuu? Maan ilaaliisaaf baatane? Nama uffana dansaa uffatee? Worri uffata dansaa uffatee fi qananiin mana moototaatitti dhaggaman. Anatti hima'a, maan ilaaliisaaf baatane? Raaga'a moo? Eeti, ka Raagaa caalu dhaggitane. Barreeffam Woyyichi marroo Yohaannisiitiif, ‘Ani ergamaa kiyya ka karaa keeti qopheessu si'iin dura erga’ jedheera. Ani isinitti hima, nama lafa irratti dhalate keessaa, ka Yohaannis caalu hin jiru. Ammoo mootummaa Waaqaa keessatti ka mara caalaa diqqaatu isa caala” jedhe. Kolbaan martinuu, worri qaraxa guurulle adoo hin hafin, yennaa dubbii Yesuusii dhage'ane, waan harka Yohaannisiititti cuuphamaneeranuuf, Waaqaaf dhugaa galchane. Fariisaayotii fi barsiisoti Seeraa ammoo, waan Waaqi isaanii yaadate tuffatanee, harka Yohaannisii cuupha'aatitti cuuphamuu didatane. Yesuus itti dabalee, “Kolbaa bara kanaa tana maaniin wol fakkeessa? Isaan maan fakkaatan? Isaan akka ijoollee dikkoo keessa teteettee, ‘Suussullee isinii afuunne, isin ammoo hin sirbine; faaruu awwaalaa isinii faarsine; isin ammoo hin boonne’ jedhaa wolitti woccu fakkaatan. Yohaannisiin cuuphaan adoo sagalee hin nyaatin, daadhii woyni'iille hin unin dhufee jennaan, ‘Inni durriisa ifi keessaa qaba’ jettane. Ilmi Namaa ammoo, nyaataa unaa dhufee jennaan, ‘Nama kana ilaala'a! Inni gadhitoo, machaawaa, jaala worra qaraxa guuruutii fi cubbaaleyyi'ii ti’ jettane. Te'uu malee, qaruun Waaqaa worra isii fudhatu maraan dhugaa akka teete mirkanootteerti” jedhe. Fariisaayichi tokko Yesuus akka isa woliin nyaatuuf waamee, Yesuus mana isaa dhaqee nyaatiisaaf tee'e. Qachaa san keessa dubartii cubbaalettii takkatti jira. Maarre isiin akka inni mana Fariisaayichaatitti nyaatiisatti jiru dhageettee, fiqiree duloo albaasaatarii irraa hojjatante guutuu fiddee, Yesuusiin duuba miila isaa bira dhaabbattee, booyaa imimmaaniin miila isaa jiitte. Achiin duuba rifeensa mataa ifiitiin miila isaa haxoottee, sunqataa fiqiree issite. Fariisayichi yennaa tana dhagge, “Nami kun dhugumaan raagaa adoo te'ee, dubartiin isa qaqqaddu tun dubartii attamii akka teete hin beekaayyu; akka isiin cubbaaletti'ii hin beekaayyu” jedhee gadhaa ifiititti yaadate. Yesuus isaan, “Simoon, ani waan si'itti himu qaba” jedhee dubbate. Innille “Barsiisa'a, Maan inni? Natti himi!” jedhe. Namicha beesee liqeessu tokko irraa namooti lamaan ka beesee liqeeffataneeranu jiran. Tokkochi mindaa gara woggaa lamaa fi wodhakka'aa dhiyaatu liqeeffatee, kuun mindaa gara ji'a sadii dhiyaatu liqeeffate. Isaan lamaanuu waan deebisanee kaffalanu dhabanee jennaan, inni akkasumaan isaaniif lakkise. Jara lamaan kana keessaa kamitti irra isa jaallata? Simoon deebisee, “Ka liqaan guddaan isaa lakkifametti irra jaallata anatti fakkaata” jedhe. Yesuus, “Dhugaa jette” jedheen. Achiin duuba gara dubartitti'ii garagalee, Simooniin, “Dubartii tana dhaggitaa? Yennaa ani mana keeti dhufe ati bisaan miilaa anaaf hin kennine. Isiin ammoo imimmaan ifiitiin miila kiyya dhixxee, rifeensa mataa ifiitiin haxxe. Ati sunqattee ana hin fudhanne, isiin ammoo haga ani dhufee jalqaddee miila kiyya sunqatiisa hin lakkinne. Ati mataa kiyya zayitii hin issine, isiin ammoo fiqiree gatii guddo'oo miila kiyya issite. Maarre, ani si'iin jedha, jaalalli guddaan isiin mudhitte kun, cubbuu isi'ii heddu'uuf araarri akka kenname mirkaneessa. Nami araarri diqqaan kennameef ammoo, jaalala diqqaa callaa mudhisa. Achiin duuba Yesuus dubartitti'iin “Cubbuu teetiif araarri kennameera” jedhe. Worri dhibiin ka isa woliin nyaatiisatti jiranu gariin, “Ka araara cubbu'uu kennu kun, eennu inni?” wol woliin jedhane. Yesuus ammoo dubartitti'iin, “Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi” jedhe. Kanaan duuba adoo hin turin, Yesuus Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa lassaa lallabaa qachootaa fi olloota keessa ideeme. Barattooti isaa kudhanii lamaanii, fi dubartooti gariin ta ayyaana hama'aa fi dhukkuba irraa fayyanelle isa woliin jiraniiyyu. Isaan san keessalle'ee Maariyaamii Magdalaa ta jedhantu, ta durriisoti torba keessaa baafame, Yo'anaa niiti Kuuzaa mana Heroodisii tooyatuu, Susanaa fi dubartooti hedduun dhibiin ta karra ifiitiin Yesuusii fi barattoota isaa qarqaarane. Yennaa gumiin hedduun qachaa adda addaatii Yesuus biratti wolitti qabante, inni itti mammaakee: “Namichi tokko sanyii facaasiisaaf baye. Adoo inni facaasuu sanyiin gariin irga kara'aa buutee, irra ijjatante; sinbirrootille qocattee nyaate. Sanyiin dhibiin lafa dhakittii irra buutee, yennaa mudhiisa jalqadde, biyyeen jiidha waan hin qanneef godde. Sanyiin dhibiin qoree keessa buutee, qoreen woliin guddattee huute. Sanyiin gariin biyyee dansaa keessa buute; lattee guddattee, tokkoon tokkoon isi'ii midhaan dachaa dhibba buutte” jedhe. Yesuus yennaa dubbii tana dubbatee fixe, “Gurra dhage'u ka qabu dhage'uuti!” jedhe. Barattooti Yesuusii hiikkaa mammaasa kanaa isa gaafatane. Inni deebisee, “Dhossaa mootummaa Waaqaa akka beettanu isiniif kennateerti; worra kaaniif ammoo adoo ilaalanuu akka hin dhaggine, adoo dhagganuu akka hin hubane, mammaassaan kennanti” jedhe. “Hiikkaan mammaassaa kunoo kana: Sanyiin dubbii Waaqaa ti. Sanyiin karaa irga buute, worra dubbii Waaqaa dhage'ee, durriisi ammoo dhufee akka isaan dhugeeffatanee ittiin hin fayyine, dubbii san gadhaa isaanii keessaa fudhatu. Sanyiin lafa dhakitii irra buute, worra dubbii Waaqaa dhage'ee gammadaan fudhatu. Ammoo hidda waan hin qanneef, yennaa qofaaf dhugeeffatan; yennaan haga ilaalichaa yoo dhutte ammoo hin jigan. Sanyiin qoree keessa buute, worra dhage'u; akkuma bulanee oolanuun ammoo yaaddoon, karraa fi gammachuun jiruu lafa tanaa isaan huutee, midhaan isaanii ijjumaa hin sibu. Sanyiin biyyee dansaa keessa buute, worra dubbii dhage'ee gadhaa qajeela'aa fi dansa'aan jabeessee qabatee, ciniinnatee ossiisaan midhaan buusu. “Eennulle ifa issee, gonbisaa jala yookiin taqee jala hin keyu; worri gara manaa seenu akka ifa dhagguuf waan issaan irra keyamu irra keya. Wonni dhokate ka hin mudhanne hin jiru, wonni buqame ka hin beekkannee fi gara ifaa hin baane hin jiru. “Tanaaf akka itti dhageettanu ifi eeggadha'a! Ka qabuuf ede'antee kennanti, ka hin qanne ammoo wonni inni hin qaba jedhee yaadatu diqqoon sunuu irraa fudhatanti” jedhe. Haatii fi obboleeyyan Yesuusii gara isaa dhufane; ammoo sababa gumi'iitiif isa bira geyiisa hin dadeenne. Nami tokko Yesuusiin, “Haati teetii fi obboleeyyan teeti si dhaggiisaaf barbaadanee ala dhaabbatan” jedhe. Yesuus ammoo deebisee, “Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya worra dubbii Waaqaa dhage'ee hujii irra oolchu” isaaniin jedhe. Gaafa tokko Yesuus barattoota ifii woliin hoboloo yaabee isaaniin, “Ka'aa gara abbaaya'aan gamaa buunaa” jedhe. Maarre isaan deemiisaaf ka'ane. Adoo isaan hobolo'oon bu'iisatti jiranuu, Yesuus rafe. Dedhuma bubbeen gara abbaaya'aa gad bubbittee, hoboloon bisaaniin guutamiisa jalqaddee jennaan, buutoo hantuu afaan bu'ane. Barattooti gara Yesuusii dhaqanee dammassanee, “Barsiisaa, barsiisaa! Kunoo dhumataarra!” jedhaneen. Inni dammaqee bubbe'ee fi danbalii xixe; bubbe'ee fi danbaliin bisaaniille cadhisanee, cadheessi guddaan te'e. Achiin duuba inni barattootaan, “Dhugeeffannaan teessan meeti?” jedheen. Isaan ammoo sodaatanee baaseffatanee, wol woliin, “Nami kun eennu? Inni bubbe'ee fi danbalii hin ajaja, isaanille isaaf hin ajajaman!” jedhane. Yesuusii fi barattooti isaa Abbaayyaa Galiila'aatiin gama, gara biyya Gergeesa'aa hobolo'oon bu'ane. Akkuma Yesuus qarqara bisaaniititti bu'een, namichi qachaa sanii, ka durriisaan qabameeru tokko itti dhufe. Namichi kun yennaa hedduu woyaa hin uffatu, manalle hin le'u, ammoo yennaa hedduu goda awwaalaa keessa le'a. Inni yennaa Yesuus dhagge, miila isaa duratti jigee, guddisee iyyee, “Ee Yesuus, Ilma Waaqa Ol Aana'aa! Maan na irraa qadda? Ani si kadhadhaa, na hin rakkisin!” jedhe. Waan Yesuus akka ayyaanni hamaan namicha keessaa bayu ajajeeruuf, inni akkana jedhe. Yennaa hedduu ayyaanni hamaan waan itti ka'uuf, wodaroo sibiilaatii fi sibiila miilaatiin hidhamaa eegamulle, hidhaa san kukkutaa, hunna ayyaana hama'aatiin gara goomole'ee oofamaa ture. Yesuus, “Maqaan keeti eennu?” jedhee isa gaafannaan, durriisoti bacaan waan itti galaneeranuuf, inni deebisee, “Maqaan kiyya duula” jedhe. Durriisoti gara bowwaa qile'ee akka isaan hin ergine Yesuus kadhatane. Roga gooroo sanii gubbaa, booyyoti hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu. Maarre durriisoti gara booyyotaa akka galanuuf, Yesuus akka eeyyamu kadhatane; innille isaaniif eeyyame. Durriisoti namicha keessaa bayanee booyyotatti galane. Booyyoti sun martinuu roga qile'ee irraa gad gara abbaaya'aa oriitee liqinfante. Worri booyyee tissanu yennaa waan te'e kana dhagge'ane, baqatanee worra qacha'aatii fi biyya saniititti odeessane. Kolbaan waan te'e san dhaggiisaaf, yennaa gara Yesuusii dhutte, namichi durriisi keessaa baye woyaa uffatee qalbiin itti deebitee, miila Yesuusii bira tee'eeruun dhaggitte martinuu sodaatte. Namichi attam akka itti fayye worri dhaggane kolba'atti himane. Achiin duuba kolbaan biyya Gergeessa'aa martinuu akka malee waan sodaatteef, Yesuus akka isaan lakkisee deemuuf gaafatte. Maarre Yesuus hoboloo yaabee achii deeme. Namichi durriisoti keessaa bayane, “Si woliin deemuu?” jedhee Yesuus kadhate. Yesuus ammoo, “Gara mana keetii deebi'ii, waan Waaqi si'iif godhe himi” jedhee isa erge. Namichi waan guddoo Yesuus isaaf godhe himaa, qachaa keessa deeme. Yennaa Yesuus gara abbaaya'aan gamaa deebi'e, isaan martinuu waan isa eegiisatti jiranuuf, kolbaan isa fudhatte. Achiin duuba namichi Yaayiroos jedhamu, bulchaan mana Waaqeffannaa Yihudoota tokko dhufee, miila Yesuusii jalatti jigee akka inni gara mana isaa dhaquuf kadhate. Sababille intalti isaa takkattiin inni qabu, ta woggaa kudhanii lamaa, du'iisa geetteertiiyyu. Adoo Yesuus dhaqiisaaf karaa irra jiruu, kolbaan gara maraan isa dhiphitte. Dubartittiin woggaa kudhanii lamaaf dhiigi dhaabbatuu didee rakkataa turte takka achi jirti; waan qaddu maraa cidheeyyi'itti fixxe; eennulle ammoo isii fayyisu'uuf hin dandeenne. Isiin duuba Yesuusiitiin dhuttee handaara woyaa isaa tuxxee, dhiigi isi'ii ka jigu yoosuma dhaabbate. Yesuus, “Ka ana tuqe eennu?” jedhee gaafate. Nami martinuu mormannaan, Pheexroos, “Barsiisa'a, kolbaan marti si dhiphittee, si dhiibiisatti jirti” jdhe. Yesuus ammoo, “Hunni fayyittu na keessaa akka baate ani waan beekuuf, nami tokko na tuqeera” jedhe. Dubartittiin akka dhokattee hafaa hin jirre dhaggitee, rorommaa dhuttee miila Yesuusiititti jidde. Achiin duuba maaf akka isa tuxxee fi yoosuma attam akka fayyite kolbaa duratti itti hinte. Yesuus isi'iin, “Intala tiyya dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi” jedhe. Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, nami tokko mana Yaayiroosii bulchaa Mana Waaqeffannaa Yihudootaatii dhufee, “Intalti teeti duuteerti. Yoona barsiisaa hin rakkisin” jedhe. Yesuus ammoo yennaa waan kana dhage'e Yaayiroosiin, “Hin sodaatin; dhugeeffadhu malee, intalti teeti hin fayyiti” jedhe. Yesuus mana Yaayiroosii bira yennaa geye, Pheexroos, Yohaannis, Yaaqoob, abba'aa fi haadha intalaa malee eennulle isa woliin akka seenuuf hin eeyyanne. Namooti achi jiranu martinuu intalaaf booyanee wiiccifatane. Yesuus ammoo, “Hin booyina'a; intalti rafiisatti jirti malee, hin duune” jedhe. Isaan akka intalti duuteertu waan beekanuuf, marti isaaniituu itti kollane. Yesuus ammoo harka isi'ii qabee, “Intala, ka'i!” jedhee waame. Lubbuun isi'ii itti deebitee, yoosuma ol kaate; Yesuus ammoo waan nyaattu akka isi'iif kennanu isaan ajaje. Worri isi'ii maalalfatane; Yesuus ammoo waan te'e kana eennulle'etti akka hin hinne isaan ajaje. Yesuus ergantoota kudhanii lamaan wolitti waamee, akka dhukkuba fayyisanuu fi durriisota baasanu hunnaa fi baallii isaaniif kenne. Achiin duuba mootummaa Waaqaa akka lallabanuu fi worra dhibamaa akka fayyisanu erge. Inni isaaniin, “Ideemiisa kara'aatiif womaa hin qabatina'a: ulee yookiin korojoo, galaa yookiin beesee, woyaa uffattane malee ta dhibii hin qabatina'a. Mana seentanu maratti, qachaa sanii baatanee haga deentanutti achuma tura'a. Yoo kolbaan isin fudhatiisa dhadde, akka beessisa isaanitti teetu bukuu miila keessanii hargufadha'aatii qachaa sanii deema'a” jedhe. Maarre ergantooti achii bayanee olloota maraa keessa Oduu Gammadaa lallabaa, kolbaa fayyisaa deemane. Kolbaan gariin Yohaannisiin Cuuphaan du'aa ka'eera jedhiisatti waan jirtuuf, bulchaan Galiila'aa Heroodis, waan te'iisatti jiru mara dhage'ee, guddoo mame. Worri dhibiin Eliyaas mudhateera, worri dhibiille raagota durii keessaa tokkochatti du'aa ka'eera jedhane. Heroodis, “Ani morma Yohaannisii mureeraayyu; nami ani waan isaa dhage'u kun ammoo eennu inni?” jedhe. Isa dhaggiisaafille barbaade. Ergantooti deebi'anee waan hujane mara Yesuusitti himane. Achiin duuba inni isaan qofa fudhatee, gara qachaa Betsayidaa jedhamuu tokko dhaqe. Kolbaan marroo waan kanaa yennaa dhageette, isa hordotte. Innille isaan fudhatee, marroo mootummaa Waaqaa barsiisee, worra dhibee irraa fayyiisi barbaachiselle fayyise. Yennaa latti galgalootte, barattooti kudhanii lamaan gara Yesuusii dhufanee, “Addeen nuuti jirru tun lafa qoommii waan teeteef, gara olla'aa fi orruu adaala kanaa dhaqanee waan nyaatanuu fi addee buli'ii akka barbaadatanu kolbaa tana gad lakkisi” jedhane. Yesuus ammoo, “Isinuu waan isaan nyaatanu kenna'aaf” isaaniin jedhe. Isaan ammoo, “Yoo dhandhee sagalee kolbaa tana duudi'iif geettu binne malee, nuuti daaboo xaltaa shanii fi qurxummii lama qofa qanna” jedhane. Dhiirti gara kuma shanii achi jirtiiyyu. Yesuus barattoota ifiitiin, “Akka namooti cinna shantama shantamaan tee'anu tolcha'a” jedhe. Barattooti akkuma inni jedhe nama maraa teessisane. Yesuus daabboo xaltaa shanii fi qurxummii lama fudhee, gara ol-gubba'aa ilaalee, Waaqaaf galata galchee, caccassee, kolba'aaf akka qoodanu barattootatti kekenne. Isaan martinuu nyaatanee quufanee, hanbaa irraa hatte barattooti kolonjoo kudhanii lama fuudhane. Gaafa tokko yennaa Yesuus qofii ifii daadimatiisatti jiru, barattooti isaa gara isaa dhufane. Inni, “Namooti eennu anaan jedhan?” jedhee isaan gaafate. Isaanille, “Gariin Yohaannisii cuupha'a si'iin jedhan; gariin Eliyaas si'iin jedhan; worri dhibiin raagota durii keessaa tokkochatti du'aa ka'eera si'iin jedhan” jedhanee deebisane. Yesuus, “Isin hoo eennu anaan jettan?” jedhee isaan gaafate. Pheexroos deebisee, “Ati Masiihii Waaqaa ti” jedheen. Achiin duuba Yesuus waan kana eennulle'etti akka hin hinne jabeessee isaan ajaje. Inni itti dabalee, “Ilmi namaa jaarsolee biyyaa, mootota hayyootaatii fi barsiisota seeraatiin tuffatamee guddoo rakkata, hin ijjeefama, guyyaa sadiin duuba ammoo hin ka'a” jedhee isaanitti hime. Achiin duuba isaan maraan, “Nami na hordofiisaa barbaadu yoo jiraate, ifi mormatuu ti, guyyuma guyya'aan fannoo ifii ba'atee, na hordofuu ti. Nami jiruu ifii fayyifatiisaaf barbaadu jiruu ifii hin balleessa, ammoo yoo anaaf jedhee jiruu ifii balleesse jiruu ifii hin fayyifata. Nami biyya lafaa duudii qabaatee jiruu ifii yoo balleesse yookiin dhidhise maan isaa baati? Nama anaa fi dubbii tiyyatti fokkifatu, Ilmi Namaa ulfinna ifii, ulfinna abbaa ifiitii fi ergantoota woyyootaatiin yennaa dhufu itti hin fokkifata. Ani dhugumaan isinitti hima, namoota as dhaabbataneeranu kana keessaa adoo hin du'in, Mootummaa Waaqaa ka dhagganu hin jiran” jedhe. Yesuus waan kana dubbatee, gara guyyaa saddeetiitiin duuba Pheexroos, Yohaannisii fi Yaaqoob fudhatee daadimatiisaaf gara gaaraa ol baye. Adoo inni daadimatiisaatti jiruu bifi fuula isaa jijjiiramee woyaan isaalle adii calalaxxu teete. Dedhuma namooti lamaan Muuse'ee fi Eliyaas isa woliin dubbatiisatti jiranuun dhaggane. Isaan ulfina ol-gubba'aatiin mudhatanee marroo waan Yesuus du'iisaan Yerusaalemitti muummessu'uu jiruu dubbatiisatti jiraniiyyu. Pheexroosii fi worri isa woliin jiranu dunquuqquu hirriiba irra jiran; yennaa dammaqane ammoo ulfinna Yesuusiitii fi namoota lamaan ka isa woliin dhaabbatiisatti jiranu dhaggane. Akkuma namooti lamaan Yesuus lakkisanee deemaneen, Pheexroos Yesuusiin, “Barsiisa'a! Asitti dhaggamuun keenna waan dansa'a; gosee sadiin, takkattii si'iif, takkattii Muuse'eef, takkattii Eliyaasiif ijaarra” jedhe; Pheexoos waan dubbatiisatti jiruuyyuu hin beenne. Adoo inni dubbatiisatti jiruu, duumensi dhufee gaaddisa ifiitiin isaan golle; barattootille duumensa keessa yennaa seenane sodaatane. Duumensa keessaa, “Kun ilma kiyya, ka ani filadhe; isa dhage'aa!” qoonqoon jettu dhage'ante. Qoonqoon dhage'anteen duuba, Yesuus qofi jiruun dhaggane. Barattootille cadhisane malee, waan yennaa san dhaggane mara nama tokkolle'etti hin hinne. Guyyaa itti aanuu Yesuusii fi barattooti isaa sadiin yennaa gaara irraa gad bu'anu, gumiin guddoon Yesuusiin wol dhaggite. Gumii keessaa nami tokko qoonqoo guddo'oon, “Barsiisa'a! Akka ati ilma tokkocha kiyya naa laaltuuf, si kadhadha. Ayyaanni hamaan dedhuma itti ka'aa iyyisiisa, lafatti isa dhowee wixirachiisee, afaan isa hoomacheessa; miidhaa tureen duuba farra jaddu'uun gad lakkisa. Ani akka barattooti teeti baasanuuf kadhadhe; isaan ammoo hin dandeenne” jedhe. Yesuus deebisee, “Isin dhaloota dhugeeffannaa hin qannee fi jalliyyee kana! Haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isin ossadha? Me mucaa keeti as fidi” jedhe. Adoo mucaan gara Yesuusii dhufiisaatti jiruu, ayyaanni hamaan lafatti isa dhowee wixirachiise. Yesuus ammoo ayyaana hamaa san xixee, mucaa fayyisee, abbaa isaatiif deebisee kenne. Kolbaan marti guddinna hunna Waaqaa baaseffatte. Kolbaan martinuu waan Yesuus hojjate maraa adoo maalalfattuu, inni barattoota ifiitiin, “Dubbii ani isinitti himu tana gurratti fudhadha'a! Ilmi namaa dabarfamee harka ilmaan namootaatitti hin kennama” jedhe. Barattooti ammoo dubbii tana hin hubanne. Hiikkaan isaan duraa waan dhokateertuuf hubatuu hin dandeenne; dubbii tana isa gaafatiisalle sodaatane. Barattoota oddu'utti isaan keessaa ka caalu eennu akka te'e wol mormiin kaate. Yesuus yaada isaanii beekee, daa'ima tokko fuudhee, cinaa ifii dhaabbachiisee, isaaniin, “Daa'ima kana maqaa kiyyaan ka fudhatu ana fudhata; ka ana fudhatu, ka ana ergelle fudhata. Nami isin maraa keessaa gade'ee isin maraa caala” jedhe. Yohaannis deebisee, “Barsiisa'a, namichi tokko maqaa keetiin durriisota baasuun dhagginee, waan inni golii teenna te'uu dhabeef, isa dhooggine” Yesuusiin jedhe. Yesuus ammoo, “Ka isiniin hin mormine mara golii teessan waan te'eef, isa hin dhooggina'a!” jedhe. Yennaan Yesuus gara ol-gubba'aa fudhatamu dhikaannaan, gara Yerusaalemii deemiisaaf muratee ka'e. Gara ollaa Samaariya'aa dhaqanee waan mara akka isaaf qopheessanuuf, inni ergantoota ifiin dura erge. Kolbaan ollaa sanii ammoo akka inni gara Yerusaalemii deemiisatti jiru waan beetteef, isa fudhatiisa didde. Barattooti isaa Yaaqoobii fi Yohaannis waan kana yennaa dhaggane, “Gootta'a, ibiddi ol-gubbaa irraa bu'ee akka isaan balleessu akka ajanyu hin eeyyantaa?” jedhane. Yesuus ammoo garagalee isaan xixee, [“Isin ayyaana attamii irraa akka teetane hin beettanu; Ilmi Namaa lubbuu namaa fayyisiisaaf malee balleesiisaaf hin dhunne”] jedhe. Achiin duuba isaan gara ollaa dhibi'ii ka'anee deemane. Adoo isaan karaa ideemiisatti jiranuu, namichi tokko Yesuusiin, “Addee ati dhaxxu mara ani si faana dhaqa” jedhe. Yesuus deebisee, “Jeedalti boolla qaddi; simbirreelle mana qaddi; Ilmi namaa ammoo addee mataa ifii itti irkifatu hin qabu” jedhe. Nama dhibi'iin, “Na hordofi” jedhe. Nami sun ammoo, “Goottaa, dursee dhaqee abbaa kiyya awwaaladha naa eeyyam” jedhe. Yesuus deebisee, “Du'aan du'aa ifii awwaalatuu ti. Ati ammoo dhaqiitii mootummaa Waaqaa lallabi” jedhe. Achiin duuba ammalle nami dhibiin, “Gootta'a, ani si hordofa; ammoo dursee dhaqee maatii tiyyaatii nageya akka dhaamuuf naa eeyyami” jedhe. Yesuus isaan, “Nami qottoo harkatti qabatee, ifiin duuba ilaalu mootummaa Waaqaatiif hin te'u” jedhe. Kanaan duuba Goottaan nama torbaatamii lamaan dhibii filatee, gara qacha'aa fi addee ifii dhaqu'uuf jiruu mara lamaan lamaaniin ifiin dura erge. Inni isaaniin, “Midhaan haamamu gudda'aa, worri haamu ammoo diqqa'a; abbaan midhaanii worra haamu gara ficha'aa akka erguuf kadhadha'a. Amma beena'a! Kunoo ani akka ilmoolee hoole'ee yayyii odduu isin erga. Korojoo yookiin subba yookiin kophee hin qabatina'a; eennulle nageya fuudhiisaaf kara'atti hin dhaabbatina'a. Mana tokko yennaa seentane duraan dursa'aatii, ‘Nageenni mana kanaaf te'uu!’ jedha'a. Yoo nami nageya jaallatu achi jiraate, nageenni keessan nama saniif te'uu ti; yoo hin jiraanne, nageenni keessan isinii deebi'a. Manuma san keessa tura'a; hojjataa tokkoof minddaan barbachisaa waan te'eef, waan isaan isiniif kennanu maraa nyaadha'aa una'a. Manaa gara manaa hin labina'a! Yennaa gara qachaa tokkoo seentanee isin fudhatane maraa, waan isiniif kennanu sooradha'a; qachaa san keessatti dhibamaa fayyisa'a; kolbaa achi jirtulle'een, ‘Mootummaan Waaqaa isinitti dhi'aateerti’ jedha'a. Ammoo yennaa gara qachaa tokkoo seentanee isin fudhatiisa dhabane mara, kara'atti baya'aatii, isaaniin ‘Bukuu qachaa keessanii ka miila keennatti qabattelle ifi irraa hin haxowanna; ammoo mootummaan Waaqaa akka dhi'aatte beekka'a!’ jedha'a. Ani isinitti hima, guyyaa mura'aa worra qachaa saniitiin irra worra Sodoomiitiif kaso'o. Yesuus ede'ee, “Aannee si'iif, Koraaziin! Aannee si'iif, Betsayida'a! Bilbaasi Waaqaa ka si keessatti godhame, adoo Xiroosii fi Sidoonaa keessatti godhamee jiraatee, silaa kolbaan uffana gaddaa uffattee, daadhaa keessa teetee duruu araara galteertiiyyu. Guyyaa mura'aa isin caalaa Xiroosii fi Sidooniif kasoo teeti. Qifirnahoom ati haga ol-gubba'aa ifi ol qabuu barbaaddaa? Maarre gara boolla qile'ee gad gatanta. “Ka isin dhage'u ana dhage'a; ka isin didu ana dida; ka ana didu ka ana erge dida” jedhe. Worri torbaatamii lamaan gammada gudda'aan deebi'anee dhufanee, “Goottaa, yennaa nuuti maqaa keetiin ajajne durriisotille nu'uuf ajajamane” jedhaneen. Yesuus deebisee, “Seexanni akka balaqqeetti'ii ol-gubba'aa bu'uun dhagge. Ani akka isin dhudhuufa'aa fi makka irra ideentanu, hunna diinotaa maralle akka injifattanu baallii isiniif kenneera; womaa isin hin miidhu. Te'uu malee, maqaan keessan ol-gubba'atti waan barreeffameef gammada'a malee, ayyaanni hamaan waan isiniif ajajameef hin gammadina'a” isaaniin jedhe. Yennuma sanitti, Yesuus gammada Ayyaana Woyyichaatiin guutamee, “Abbaa kiyya, Goottaa ol-gubba'aatii fi lafaa! Waan kana worra qaroole'ee fi beettota dhossitee worra wo hin beenneef waan mudhitteef si galateeffadha. Ee, Abbaa, wonni sun akka teetuuf waan ati itti gammadde. “Abbaan kiyya waan mara dabarsee anatti kenneera. Abbaa isaa qofattuu beeka malee, ilmi eennu akka te'e ka beeku hin jiru; ilma isaatii fi worra ilmi isaa itti mudhisuu barbaadettuu abbaa beeka malee, abbaan eennu akka te'e ka beeku hin jiru” jedhe. Achiin duuba gara barattoota ifii garagalee qofii isaaniititti, “Ilti waan isin dhaggitanu dhaggitu ta eebbifante. Raagotaa fi moototi hedduun waan isin dhaggitane dhaggiisaaf, waan isin dhageettane dhage'iisaaf halchanee, ammoo akka hin dhaggin yookiin hin dhage'in isintti hima” jedheen. Beekaan seera Muuse'ee tokko Yesuus waan jedhu ilaaliisaaf ol ka'ee, “Barsiisa'a, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf maan godhuu na barbaachisa?” jedhe. Yesuus deebisee, “Seera Muuse'ee keessatti maanti barreeffameera? Attamitti dubbitee hiitta?” jedhe. Namichille, “Goottaa Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'iin, hunna teeti takkatti'iin, qalbii teeti takkatti'iin jaalladhu; ‘Akkuma ifi jaallattu ollaa keetille jaalladhu’ jedhe. Yesuus, “Sirri'itti deebiteerta; yoo tana goote jiruu bara baraa hin dhaggatta” jedhe. Beekkichi Seera Muuse'ee ammoo akka waan nama balchaa te'ee ifi mudhisiisa barbaadee, “Ollaan kiyya kam inni?” jedhee gaafate. Yesuus deebisee, “Nami tokko Yerusaalemii gara Yeriko'oo adoo gad deemuu worri nama saamu isa lolee, waan inni qabu mara irraa mulqee, dikee, lubbuu qofa keessatti lakkisee biraa deeme. Hayyuun tokko karaa san adoo dabaruu, yennaa namicha dhagge ammoo, irraa goree dabare. Nami gosa Lewwi'ii tokkolle karuma san achi dhufee, yennaa namicha dhagge, irraa goree dabare. Nami Samaariya'aa tokko ammoo, ka karaa san deemu irra dhufee, yennaa isa dhagge nayeef. Itti hiiqee, madaa isaatitti zayiti'ii fi daadhii woyni'ii naqee hidheefi; achiin duuba geejjiba ifii gubbaa teessisee, gara mana keessummaan bultuu isa geessee, achitti qarqaare. Guyyaa itti aanu diinaara lama fuudhee namicha mana keessumma'aa eegutti kennee, ‘Ittiin qarqaar; yennaa karaa kana deebi'u, kana caalaalle yoo baatteef, si'iif hin kenna’ jedheen” jedhe. Achiin duuba Yesuus, “Jara sadiin kana keessaa, akka ollaa tokkootitti namicha jara nama saantu afaan bu'e san ka qarqaare kam sitti fakkaata?” jedheen. Beekaan Seera Muuse'ee, “Ka marareef” jedhee deebise. Yesuus isaan, “Atille dhaqii, akkasuma tolchi” jedhe. Yesuus barattoota ifii woliin ideemaatuma gara ollaa tokkoo yennaa dhufe, dubartiin Maartaa jedhantu takka mana ifiititti isa fudhate. Isiin obboleettii Maariyaam jedhantu takka qaddi; Maariyaamiin sun miila Yesuusii jala teettee dubbii isaa caqasiisatti jirtiiyyu. Maartaan ammoo hujiin mana keessaa waan itti heddatteef, gara isaa dhuttee, “Gootta'a, obboleettiin tiyya akka ani callaan hujuuf yennaa isiin qofuu na lakkittu cadhittee ilaalta? Akka isiin dhuttee na gargartuuf itti himi” jette. Goottaan deebisee “Maarta'a, Maarta'a! Ati waan hedduu yaadaa rakkata, ka barbaachisu ammoo waan tokkocha calla'a. Maariyaamiin waan dansaa filateerti, isii irralle'ee hin fudhatamu” isi'iin jedhe. Gaafa tokko Yesuus addee takkatti daadimatiisatti jiraayyu; yennaa inni daadimatee ka'e, barattoota isaa keessaa tokkochi isaan, “Gootta'a, Yohaannis barattoota ifii daadimatiisa akkuma barsiise, atille daadimatiisa nu barsiisi” jedhe. Yesuus isaaniin, “Yennaa daadimattanu tana jedha'a: ‘Abbaa keenna, [ka ol-gubbaa jirtu:] Maqaan keeti woyyoomu; Mootummaan teeti dhuttu. [Fedhiin teeti akkuma ol-gubba'atti teete, lafa irralle'etti teetuu.] Sagalee nuu barbaachittu guyyuma guyya'aan nuu kenni. Akkuma nuuti worra nu yakkuuf araarannu, cubbuu teenna nuu araarami; [hantuu irraa nu eegi malee], ataabe'etti nu hin galchin!’ ” jedhe. Achiin duuba Yesuus ede'ee “Isin keessaa nami tokko lansa yoo qabaate, halkan wodhakkaa gara lansa ifii dhaqee ‘Lansa kiyya, daabboo xaltaa sadi naa liqeessi. Lansi kiyya karaa deemaa ammuma tana natti goree waan itti kennu dhabeera’ yoo jedheen, lansi isaa sun mana keessa tee'ee, isaan ‘Ana hin rakkisin! Balbalti cufantee, ijoolleen tiyyalle na woliin taqee irra ratteerti. Ani ka'ee womaa si'iif kenniisa hin dande'u’ hin jedhaa? Ani isinitti hima, lansa isaa waan te'eef ka'ee womaa isaaf kennuu dhabulle, adoo hin fokkifatin itti deddeebisee waan isa kadhateef, ka'ee waan isaa barbaachisu mara hin kenna” jedhe. Maarre ani isiniin jedha: kadhadha'a isiniif hin kennanti; barbaada'a hin dhaggattani; dhodhowa'a balbalti isinii hin bananti. Ka kadhatu maraa hin fudhata; ka barbaadu maraa hin dhaggata; ka dhodhowu maraaf balbalti hin bananti. Isin keessaa abbaa ka te'e, ilmi isaa [daabboo yoo kadhate dhakaa ka kennuuf eennu?] Qurxummii yoo kadhate dhudhuufaa ka kennuuf eennu? Yookiin yoo inni quuphaa kadhate qaajjibbuu hin kennaafii? Isin adoo hamoota teetanuu, waan dansaa ijoollee teessaniif kenniisa yoo beettane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee worra isa kadhatuuf Ayyaana Woyyicha kennuu dhaba!” jedhe. Yesuus durriisa duudaa tokko baase. Yennaa durriisi baye, namichi dubbatiisa jalqabe; namootille baaseffatane. Namooti gariin ammoo, “Inni hunna Bi'el Zebulii mooticha dirriisotaatiin durriisota baasa” jedhane. Worri dhibiin Yesuus haga ilaaliisaaf barbaadanee, beessisa tokko ol-gubbaa irraa akka isaanitti mudhisu gaafatan. Yesuus ammoo waan isaan yaadatane beekee, isaaniin, “Mootummaan takka wol mormitee yoo gargar ifi qoodde, mootummaan sun hin baddi; maatiin takka yoo gargar ifi qoodde, manni sun hin diigama. Maarre Seexanni wol mormee yoo gargar ifi qodde, mootummaan isaa attamiin dhaabbatuu dandeetti? Waan isin anaan, “Inni hunna Bi'el Zebuliitiin durriisota baasa jettaneef” jedhe. Yoo ani hunna Bi'el Zebuliitiin isaan baase, ijoolleen teessan eennuun baasan? Tanaaf ijoolleen teessanuu isinitti murti. Yoo ani hunna Waaqaatiin durriisota ka baasu te'ee, akka mootummaan Waaqaa gara keessan dhutteertu beeka'a. Nami jabaan tokko, meya woraanaa mara hidhatee, mana ifii yennaa eeggatu, qabeenni isaa marti hin eegamaaf. Ammoo ka isa caalaa jabaatu yennaa isa lolee injifate, meya lolaa ka inni addatu maraayyuu irraa fudhata, karra dannabe sanille hin qooda. Eennulle ka golii tiyya hin te'in ana morma; eennulle ka ana woliin wolitti hin qanne hin bittanneessa” jedheen. Ayyaanni hamaan nama keessaa yennaa bawu, addee itti foorfatu barbaadatiisaaf, lafa bisaan hin jirre keessa deddeebi'a; addee barbaadatee yoo dhagguu dhabe, ‘Mana kiyya ka keessaa bayetti deebi'a’ jedha. Yennaa deebi'u, manni haxowamee qulqullayeeruun dhagga. Achiin duuba ayyaanoota hamoota torba ka isa caalaa hamaa te'ane dhaqee fida; isaanille dhufanee achi le'an. Jireenni namichaa ka duubaa ka duraa caalaa ka hammaate te'a. Yesuus adoo tana dubbatiisatti jiruu, gumii keessaa dubaartiin takka qoonqoo ol qabattee, “Gadaamessi si ba'atee fi harmi ati hoote ka badhaadhane” jette. Inni ammoo deebisee, “Worri jecha Waaqaa dhage'ee ajajamuuf caalaa ka badhaadhe!” jedhe. Kolbaan hedduun gara isaa dachaateertuun, Yesuus, “Dhalooti kun dhaloota hama'a; isaan beessisa gaafatan, ammoo beessisa Yoonasii raagichaa malee ka dhibiin tokkolle hin kennamuuf. Raagichi Yoonaas kolbaa Nanawwe'eetiif beessisa akka te'e ilmi namaalle dhaloota adhaa kanaaf beessisa hin te'a. Mootittiin kibbaa guyyaa mura'aa dhaloota adhaa kana woliin kaatee, isaanitti hin murti. Isiin qaccee biyya lafaatii qaruu Solomoonii caqasiisaaf dhutte; amma kunoo ka Solomoon caalu as jira. Kolbaan qachaa Nanawwe'ee guyyaa mura'aa dhaloota kana woliin kaatee isinitti hin murti; kolbaan Nanawwe'ee lallaba Yoonaasii dhageettee cubbuu irraa deebiteerti. Kunoo ka Yoonaas caalu as jira. “Eennulle ifa issee, addee hin mudhannetti yookiin qorii jala ka keyu hin jiru; namooti yennaa mana seenanu akka dhagganu addee mudhatu keya. Ilti teeti ifa nafa keetii ti; ilti teeti fayyaa yoo teete, nafi keeti duudiin ifaa te'a; ammoo ilti teeti dhukkudduu yoo teete nafi keeti duudiin dukkanowaa te'a. Tanaaf ifi si keessa jiru akka hin dukkanoonne ifi eegadhu. Nafi keeti duudiin ifa yoo qabaate, maddiin takkaalle dukkana keessa yoo hin jiraatin, akkuma yennaa ifi ifa ifii sitti issu te'u, nafi keeti duudiin ifaalessa te'a” jedhe. Yesuus yennaa dubbatee ka'e, Fariisaayichi tokko sagalee nyaatiisaaf gara mana ifii isa waame; maarre inni nyaatiisaaf gara mana isaa dhaqee tee'e. Fariisaayichi sun Yesuus adoo harka hin dhiqatin nyaataaf akka tee'e yennaa dhagge maalalfate. Maarre Goottaan isaan, “Isin Fariisaayoti muduunuu itti untanuu fi qorii itti nyaattanu gubbaa qulleessitan, keessi keessan ammoo joljolumma'aa fi hammeennaan guutameera. Gowwoole'e! Waaqi gubbaa dade keessa hin dannee? Ammoo waan muduunu'uu fi qorii keessa jiru hiyyeeyyi'iif kenna'a, wonni duudiille isiniif hin qulqulloonti. Isin Fariisaayotaaf aanne'e! Isin ashuuda'aa fi sugattee irraa, akkasuma waan ficha'atti dhaabattane duudii irraa kudhan keessaa tokko Waaqaaf kennitan, dhuga'aa fi jaalala waaqaa ammoo hin lakkittan. San adoo gootanuu tanalle worra dhibi'iif godhiisa lakkisuu hin malle. Isin Fariisaayotaaf aanne'e! Isin Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barcumaa ulfinnaa, addee dikko'ootille'etti nageya ulfinnaa akka isin fuudhanu jaallattan. Isin irreensa beessisa hin qanne ka namooti adoo hin beekin irra deemanu waan fakkaattanuuf isiniif aanne'e!” jedhe. Beekaan Seera Muuse'ee tokko, “Barsiisaa, ati yennaa tana dubbattu be nu'ulle arrasaarta” jedheen. Yesuus deebisee, “Isin beekkolee Seera Muuse'eetiif aanne'e! Isin ba'aa ulfaattuu dudda kolba'aatitti feetan, ifii ammoo quballe'een hin tuxxanu. Isin raagota abbootiin teessan ijjeetteef irreensa waan ijaartanuuf, isiniif aanne'e! Isin waan abbootiin teessan hujjetti wolii galtane; isaan raagota ijjeessanee, isin irreensa isaanii ijaartanee mirkaneesitane. Marroo tanaaf beekkunsi Waaqaa, “Ani raagotaa fi ergantoota isaanitti erga; isaan garii hin ijjeessan kaan hin ari'an” jedha. Maarre haga latti dadanteen jalqabee dhiiga raagota maraa ka jigeef dhalooti kun hin gaafatama. Dhiiga Abeeliitiin jalqabee haga dhiiga Zakaariyaasii wodhakkaa addee ciinca'atii fi Galma Waaqaatitti ijjeessanee, ani dhugumaan isinitti hima, dhiiga isaan maraatiif dhalooti kun hin gaafatama. Isin beekkoleen Seera Muuse'ee, furtuu balbala beekkunsaa kolbaa duraa waan futaneertanuuf, isiniif aanne'e! Isin ifiif hin seenne, worra seeniisaaf barbaadulle hin dhooggitan. Yesuus yennaa achii deeme, barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti guddoo moromanee, gaaffii marroo waan heddu'uu isa gafatanee, dubbii inni dubbatuun isa qabiisaaf gaadane. Yennaa san gumiin kuma heddu'utti laakkowwantu haga wol irra i'ijjattutti yennaa wolitti qabante, Yesuus dursee barattoota ifiitiin, “Uukoo worra Fariisaayotaa, jechuun kijiba isaanii irraa ifi eegadha'a. Wonni gollaa jiru maraa hin mudhata, wonni dhossaa jiru maraa hin beekkama. Tanaaf wonni isin dukkana keessatti dubbattane, ifa guyya'aatitti baayee hin dhage'ama, wonni isin diinqa cufamaa keessatti qofuu haasottane guutuu manaa irratti hin lallabama” jedhe. “Jaallan tiyya, ani isinitti hima; worra isin ijjeesee ammoo waan badduu dhibii tana caalaa hujuu hin dandeenne hin sodaatina'a. Ani ka sodaatiisaa maltane isinitti mudhisa: Ka ijjeeseen duuba, ibidda bara baraatitti gatiisaaf baallii qabu, Waaqa sodaadha'a. Ee, ani isinitti hima isa callaa sodaadha'a! “Sinbirrooti didiqqoon shanan saantimii lamaanitti gurgurantii motii? Te'uu malee isaan san keessaa takkattiin Waaqa duratti dedhantee hin jirtu. Rifeensi mataa keessaniituu maraa laakkowameera. Maarre hin sodaatina'a; isin sinbirroota didiqqoo san caalaa gatii guddoo qaddan. “Ani isinitti hima, eennulle nama dhibii duratti ka anaaf dhugaa bayu, Ilmi Namaalle ergantoota Waaqaa duratti akkasuma isaaf dhugaa baya. Ammoo nama duratti ka ana mormatu, ergantoota Waaqaa duratti hin mormatama. Eennulle Ilma Namaa mormee dubbii ka dubbatu araara hin dhaggata; ammoo eennulle Ayyaana Woyyicha mormee ka faanshessu araara hin dhaggatu. “Yennaa isaan Mana Waaqeffannaa Yihudootaatitti, bulchitoota fi worra baallii qabu duratti, murti'iif isin geessane, attam akka falmattanu yookiin maan akka dubbattanu hin yaadina'a. Yennuma san Ayyaanni Woyyichi waan isin dubbatu'uuf maltane isin barsiisa” jedhe. Gumii keessaa nami tokko, Yesuusiin, “Barsiisa'a, dhaala abbaa keennaa, akka anaaf qoodu obboleessa kiyyatti himi” jedheen. Yesuus deebisee, “Jaali, akka ani isin irratti abbaa mura'aa yookiin qoodduu dhaalaa te'u eentu ana foye?” jedhe. Itti aansee inni isaan maraanuu, “Jireenni namaa baceenna karraatiinii moti; tanaaf ilaalladha'a, joljolummaa maraa irraa ifi eegadha'a” jedhe. Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, “Namichi dureessi ka fichaa midhaan hedduu baase qabu tokko jira. Inni ‘Addee midhaan kiyya kana mara itti galchu hin qabu. Maan godha?’ jedhee yaadate. ‘Akkana godha’ ifiin jedhe; ‘Gootaraa kiyya maraa diigee ka dhibii gugurdaa ijaara, achitti midhaan kiyyaa fi meya kiyya ka dhibii maralle galfadha. Achiin duuba ani ifiin, Waan dansaa woggaa heddu'uuf sii barbaachisu mara hin qadda; foorfadhu, nyaadhu, uni, ifi gammachiisi!’ jedha. Waaqi ammoo isaan, ‘Ati gowwa'a! Edanuma tana lubbuun teeti fudhatanti; waan ati ifiif kuufatteertu kana mara eentu fudhata?’ jedhe. “Nami lafa tana irratti ifiif karra kuufatu, Waaqa duratti ammoo ka dureessa hin te'in akkasuma te'a” jedhe. Yesuus barattoota ifiitiin, “Maarre ani isinitti hima, jireenna keessaniif maan nyaanna yookiin nafa keessanitti maan uffanna jettanee hin yaadina'a. Jireenni nyaata caalaa, nafi woyaa caalaa guddoo barbaachisa'a. Me harraaqessoota ilaala'a: isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee hin galchanu; addee midhaan itti galchanu yookiin gootaraa hin qabanu; Waaqi isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota caaltan! Isin keessaa nami tokko haga fedhe itti yaadee le'ii ifii diqqumalle ka dheereffatuu dande'u eennu? Yoo waan diqqoo akkanaa kanaayyuu dandeettanee hin goone, maaf marroo waan dhibi'iitiif yaaddan ree? Daraaroti attam akka guddatanu ilaala'a: Isaan hin hujatanu yookiin woyaa ifiif hin dhowatanu. Ammoo ani isinitti hima, Solomooniin mootichinuu ulfinna ifii maraan woyaa akka daraaroota sanii dansitii hin uffanne. Waaqi marra adha mudhatee, boru ibiddatti gatamu yoo akkas seesee itti uffise, isin fa'a attam calchisee ufisuu dhaba. E, isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo! “Tanaaf ‘Maan nyaanna? Maan unna?’ jedhaa yaadaan hin rakkatina'a. Kolbaan lafa tanaalle waan kana dhaggatiisaaf itti yaadaa rakkatti. Tun marti akka isinii barbaachittu Abbaan keessan ka ol-gubba'aa hin beeka. Addee tanaa, mootummaa Waaqaa barbaada'a, tun marti isiniif hin dabalanti. “Gumii diqqo'o, Abbaan keessan mootumaa ifii isinii kenniisaaf waan jaallateeruuf, hin sodaatina'a. Waan qaddanu mara gurgura'aatii beesee worra hiyyeeyyi'iif kenna'a. Subba beese'ee ka hin dulloonne qopheeffadha'aatii beesee teessan addee hattuun hin dhaqqannee fi biliin hin balleessine ol-gubba'atti maffadha'a. Addee beeseen teessan jirtu gadhaan keessanille hin jiraata” jedhe. Yesuus itti aansee, “Huji'iif hidhadha'aatii qophowa'a, ifa keessanille iffadha'a! Tajaajiltoota goottaan isaanii jila fuudhaatii deebi'u eegatanu fakkaadha'a. Yennaa inni dhufee balbala dhodhowe, isaan yoosuma hin banan. Tajaajiltooti goottaan isaanii yennaa deebi'u dammaqaneeranuun dhaggu, ka eebbiffamane. Ani dhugumaan isiniin jedha, inni woyaa ifii caccaffatee, addee nyaataa isaan teessisee hin areera. Halkan wodhakkaa yookiin fuullee bari'ii yoo dhufelle, worri qophowaneeranuun inni dhaggu ka eebbifamane! Ammoo tana beeka'a: abbaan manaa sa'aatii hattuun itti dhuttu adoo beekee, hattuun mana isaa cassitee akka seentuuf hin lakkisu. Ilmi Namaalle sa'aatii isin isa hin eennetti waan dhufuuf, isinille qophowa'aatii eegadha'a!” jedhe. Pheexroos, “Gootta'a, mammaassa kana nu'uuf dubbatta moo yookiin nama maraafuuyyu?” jedhee gaafate. Goottaan deebisee, “Tajaajilaan addatama'aa fi qaroon, ka goottan isaa akka inni maatii isaa siri'itti bulchuu fi tajaajiltoota isaatiif sagalee yenna'aan akka kennuuf itti gaafatamummaa kennu kam ree? Tajaajilaan goottaan isaa yennaa deebi'ee dhufu akkanuma hojjatiisatti jiruun dhaggu sun ka eebbifame! Dhugumaan isiniin jedha, goottaan tajaajilaa san karra ifii mara irratti itti gaafatamaa hin godha. Ammoo tajaajilaan sun, ‘Goottaan kiyya dafee hin dhufu hin tura’ jedhee yaadatee, nyaataa unaa, machowaa tajaajiltoota dhiiraatii fi dubarti'ii dhaaniisatti yoo ka'e, goottaan isaa guyyaa inni hin eennee fi sa'aatii inni hin beennetti deebi'ee hin dhufa, isa hin ciccira, qooda isaalle warra hin dhugeeffanne woliin godha. “Fedhii goottaa ifii adoo beekuu tajaajilaan hin qopheeffanne, yookiin ajaja goottaa ifii hin muummessine akka malee hin dhaanama. Ammoo tajaajilaan fedhii goottaa ifii beekuu dhabiisaan, waan isa dhaansisu yoo huje, diqquma dhaanama. Nama waan guddoo itti kenname irraa waan guddo'otti barbaadama; nama hadaraan guddaan itti kenname irraa ka caalu hin barbaadama” jedhe. “Ani ibidda lafatti buusiisaaf dhufe, adoo duruu bobeeffamee jiraate ani attam halchaayyu! Ani cuuphama cuuphamaaru tokko qaba, haga inni muummowutti ani attam rakkadha! Biyya lafaatiif nagaya buusiisaaf waan dhufe ana seetanii? Waawwoo, gargar bayiisa malee nageyaa moti. Ammaa jalqabanee maatiin mana tokkoo shanan, sadiin lamaaniin wol mormanee lamaan sadiinii wol mormanee gargar hin bayan. Abbootiin ijoollee ifii, ijoolleen abbootii ifii, haati intala ifii, intaltille haadha ifii, haati sodda'aa niitii ilma isi'ii, niitiin ilma isi'ii haadha sodda'aa woliin mormanee gargar bayan” jedhe. Yesuus kolba'aan, “Isin yennaa duumensi karaa aduun seentuun dhufe, yennuma san bokkeenni roobaara jettan; hin rooballe'e. Yennaa qilleensi gara gadii dhowu dhaggitanu, o'i dhufaara jettan; akkasuma te'a. Isin kijiboole'e! Waan lafaatii fi duumensaa ilaaltanee himuu hin dandeettan; maaf waan bara kanaa hin beekin ree? “Isin waan dhugaa te'e ifumaa maaf hin murre? Nami tokko si himatee gara abbaa seeraa si geessiisaaf yoo ka'e, adoo abbaa seeraa dura hin geyin kara'attuu isa woliin wolii galiisaaf wodhaan. Yoo hin wodhaanin gara abbaa seeraa harkisee si geessa, abbaan seeraalle bulchaa mana hidha'aatitti dabarsee si hin kenna, innille gara mana hidha'aa si galcha. Ani sitti hima, saantimiin cadduulle adoo hin hafin haga kaffaltutti ijjumaa hin baatu” jedhe. Yennaa san namooti gariin gara Yesuusii dhufanee, marroo worra Galiila'aa ka adoo Waaqaaf woreega woreegiisatti jiranuu, Philaaxoos ijjeesisee dhiiga isaanii woreega isaanii woliin makee itti himane. Yesuus deebisee, “Worri Galiila'aa kun, worra Galiila'aa kaan mara caalaa cubbaaleyyii waan te'aneef akkas rakkatane isinitti fakkaataa? Waawoo! Ani isinitti hima, isin martinuu yoo cubbuu teessan irraa deebi'uu dhaddane, akkuma isaanii hin baddan. Yookiin worri kudhanii saddeeti ka Siilo'amitti xelleephoon dhaka'aa dheertuun itti jiddee fixxe, worra Yerusaalem keessa le'u mara caalaa yakkaammeyyii isinitti fakkaataa? Waawo'o! Ani isinitti hima; isinille cubbuu teessan irraa yoo deebitane malee, isin martinuu akkuma isaanii hin baddan” isaaniin jedhe. Achiin duuba Yesuus mammaassa kana isaanitti mammaakee, “Namichi fichaa ifii keessatti muka harru'uu dhaabbateeru tokko jira. Inni midhaan isii irraa barbaadatiisaaf dhaqee womaa irraa dhabe. Maarre inni namicha fichaa isaa hujuun, ‘Ilaa, ani muka harru'uu kana irraa midhaan barbaadatiisaaf woggaa sadi dhufeera; ammoo haga ammaa womaa irraa hin dhagganne. Isii muri, maaf lafa balleessiti?’ jedhe. Namichi sun ammoo deebisee, ‘Gootta'a, me woggaa tanaaf lakkis; jala qotee kosii jalatti naqa. Bara dhufu midhaan yoo buutte dansa'a! Ammoo yoo buusuu dhadde hin murta!’ jedheen” jedhe. Yesuus Guyyaa Sanbataa Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barsiisiisatti jiraayyu. Dubartiin woggaa kudhanii saddeeti ayyaanni hamaan gugguusiseeru takkalle achi jirtiiyyu. Isiin akka malee gugguuttee qajeeltee dhaabbatuu hin dandeenne. Yesuus yennaa isii dhagge gara ifii isii waamee, “Dubarti'i, ati dhibee teeti irraa fayyiteerta” jedhe. Harka ifiille isii irra keyee, isiin yennuma san qajeeltee dhaabbattee Waaqa galateeffatte. Sooressi mana Waaqeffannaa Yihudootaa waan Yesuus guyyaa Sanbataatiin fayyiseef aaree, kolba'aan, “Guyyooti huji'ii jaan jiran. Maarre guyyoota san kowa'aatii fayyifama'a malee, guyyaa Sanbataatiinii moti” jedhe. Goottaan deebisee, “Isin kijiboole'e, isin keessaa guyyaa Sanbataatiin qotiyyoo yookiin harree addee hidha'aatii hiikee geessee ka bisaan hin obaanne ennu? Amma dubartiin sanyii Abrahaamii teetu tun, ta woggaa kudhanii saddeeti Seexanaan hidhantee turte, guyyaa Sanbataatiin hiikamu'uu hin mallee ree?” jedheen. Dubbii tana yennaa inni dubbate, worri isa mormu mara qaanowe; kolbaan ammoo kancira inni huje maratti gammadde. Achiin duuba Yesuus “Mootummaan Waaqaa maan fakkaatti? Maaniin isii wol fakkeessina?” jedhee gaafate. Isiin akka sanyii sanaafici'ii ta nami tokko fuudhee fichaa ifii keessatti dhaabeen guddattee muka guddaa teetee, sinbirreen dhuttee dameelee isi'ii irratti mana ijaarrattuu fakkaatti” jedhe. Yesuus ammalle, “Mootummaa Waaqaa maaniin wol fakkeessa? Isiin akka uukoo dubartiin takka fuutee bullaa guddo'oon mattee, uukoon sun isii mara bukeessituu fakkaa ti” jedhe. Yesuus gara Yerusaalemii adoo dhaquu, qachootaa fi olloota keessatti kolbaa barsiisaa dabare. Nami tokko, “Gootta'a, ka fayyu kolbaa diqqo'oo?” jedhee gaafate. Yesuus deebisee, “Balbala dhipho'oon seeniisaaf mixiixxadha'a; ani isinitti hima; namooti hedduun seeniisaaf wodhaanan; ammoo hin dande'anu. Abbaan manaa ka'ee balbala cufeen duuba, isin ala dhaabbatanee balbala dhodhowaa, ‘Goottaa keenna balbala nu'uuf bani!’ jettanee hin waantan; ‘Inni ammoo deebisee, ‘Isin eessaa akka dhuttane ani hin beeku’ isiniin jedha. “Achiin duuba isin deebittanee, ‘Si woliin nyaannee unneera; karaa keenna irralle'etti barsiiteerta’ jettan. Inni ammoo, ‘Eessaa akka isin dhuttane ani hin beeku; isin dabaaleyyiin martinuu ila tiyya duraa deema'a!’ jedha. Mootummaa Waaqaa keessatti, Abrahaam, Yisihaaq, Yaaqoobii fi raagota mara dhaggitanee, isin alatti yennaa gatantane, achitti booyaa ilkaan qartan. Kolbaan gara aduun baatuu fi aduun seentuun, olii fi gadiin dhuttee mootummaa Waaqaa keessa teettee hin nyaatti. Worri amma duuba jiru, worra duraa hin te'a; worri amma dura jiru worra duubaa hin te'a” jedhe. Yennaa san worra Fariisaayotaa keessaa namooti gariin gara Yesuusii dhufanee, “Heroodis waan si ijjeesiisaaf barbaaduuf asii deemi, addee dhibii dhaqi!” jedhaneen. Yesuus deebisee, “Dhaqa'aatii jeedala saniin, Ani adhaa fi boru durriisota hin baasa, worra dhibamaalle hin fayyisa, guyyaa sadeeso'ootitti hujii tiyya hin hobbaasa. Te'uu malee, ani adhaa fi boru, ittaanille garuma duraa deemuu male; sababille raagaan tokko Yerusaalem keessatti malee, addee dhibi'itti ijjeeffamuu hin malle” isaaniin jedhe. “E! Yerusaalem, Yerusaalem! Ati raagota ka ijjeettu, ergantoota gara keeti ergante ka dhaka'aan tuntu! Akka lukkuun cuucotii ifii koola ifii jalatti wolitti qabattu, anille ijoollee teeti wolitti qabiisaaf yennaa meeqa barbaade, isin ammoo didattane. Ilaa, manni keessan ona hin te'a. Ani isinitti hima, ‘Ka maqaa Gootta'aatiin dhufu, ka eebiffame’ haga jettanutti deebitanee ana hin dhaggitanu” jedhe. Guyyaa Sanbataa tokko, Yesuus sagalee nyaatiisaaf, gara mana sooreyyii Fariisaayota keessaa tokkochaa dhaqe; worri achi jiranu isa gaadiisatti jiraniiyyu. Namichi nafi isaa iitoweeru tokko fuula isaa dura jiraayyu. Yesuus, “Guyyaa Sanbataatiin fayyisuun seeraa moo seera moti?” jedhee barsiisota Seeraatii fi Fariisaayota gaafate. Isaan ammoo cadhisane. Yesuus namicha qabee fayyisee galche. Achiin duuba Yesuus isaaniin, “Isin keessaa nami tokko, ilmi isaa yookiin qotiyyoon isaa yoo boolla keessa bu'e, yennuma san guyyaa Sanbataatiin ka hin baanne eennu?” jedhe. Isaan ammoo tanaafille deebii kennuu hin dandeenne. Yesuus keessumooti addee ulfinnaa filattuun yennaa dhagge, itti mammaakee, “Yennaa nami tokko gara jila fuudhaa fi heerumaa si waame, addee ulfinnaa hin tee'in, nami si caalu waamameera fa te'a. Abbaan isin lamaanuu waame sun dhufee, ‘Addee tana namicha kanaaf lakkisi’ yoo si'iin jedhe, qaanowaa addee namichaaf lakkittee, addee gadee dhaxxee hin teetta. Ati ammoo yennaa waamante, abbaan si waame sun dhufee, ‘Jaala kiyya, as addee tanatti ol dabar’ akka si'iin jedhuuf, dhaqiitii addee gadee tee'i. Yennaa san worra waamame san mara duratti ulfinna hin dhaggatta. Nami ifi guddisu maraa hin diqqaata, nami ifi diqqeessu maraa hin guddata” jedhe. Achiin duuba Yesuus namicha isa keessummeesu'uuf waameen, “Sagalee guyya'aa yookiin sagalee galgalaa yennaa gootu, jaalolee teeti yookiin obboleeyyan teeti yookiin firoottaan keeti yookiin dureeyyii ollaa keetii hin waamin; yoo waante, isaanille deebisanee si waamanee, deebittee hin kaffalta. Ati ammoo yennaa jila gootu, worra hiyyeessa, worra naafa, worra hokkola'aa fi worra ballaa waami! Ati hin eebbiffanta; isaan waan si'iif deebisanu hin qabanu, Waaqi ammoo guyyaa du'aa ka'a balchoole'eetitti si'iif hin deebisa” jedhe. Keessummoota qori'itti hiiqanee tee'ane kessaa tokkochi, kana yennaa dhage'e Yesuusiin, “Mootummaa Waaqaatitti jilaaf ka tee'u ka badhaadhe!” jedhe. Yesuus isaan, “Namichi tokko jila guddoo godhee keessummoota hedduu waame. Yennaan jilaa yennaa geette, ‘Wonni maraa qophoyeera, koya'a!’ jedhee worra waamametti akka himuuf tajaajilaa ifii itti erge. Isaan martinuu ammoo waan itti aalatanu himatiisatti ka'ane. Ka matoomaa, ‘Lafa bitadheera, dhaqee ilaalu'uu male; maganne'e na hin kajeelin!’ jedheen. Kuun, ‘Qotiyyoo ximmaadii shan bitadheera, qotiisaa fi qotiisa dhabuu isaanii ilaaliisaaf kunoo kara'atti bayeera; maganne'e na hin kajeelin!’ jedheen. Ka dhibiin, ‘Ani waajiba waan te'eef, dhaqqabee hin dhufu’ jedheen. Maarre tajaajilaan galee goottaa ifiititti waan kana hime. Abbaan jilaa aaree tajaajilaa ifiitiin, ‘Ariifadhuu gara karaa gugurda'aatii fi xurree qachaa keessaa dhaqiitii worra hiyyeessa, worra naafa, worra balla'aa fi worra hokkolaa fidi!’ jedhe. Tajaajilaan, ‘Gootta'a, waan ati ajajje maraa muummesseera, ammoo ammalle addeen hin jirti!’ jedheen. Maarre goottaan tajaajila'aan, ‘Gara kara'aatii fi xurre'ee dhaqiitii, akka manni kiyya guutuuf kolbaan akka dhuttu tolchi!. Ani isinitti hima, worra duraan waamame keessaa tokkolle sagalee tiyya ta galgalaa afaaniin hin qabu!’ jedhe” jedheen. Gumiin guddoon adoo isa woliin ideentuu, Yesuus itti garagalee, “Nami gara kiyya dhufu, abba'aa fi haadha ifii, haadha manaatii fi ijoollee ifii, obboleeyyanii fi obboleettota ifii, jiruu ifiille ana caalaa ka jaallatu yoo te'e, barataa kiyya te'iisaaf hin dande'u. Fannoo ifii ba'atee ka ana hin hordonne, barataa kiyya te'iisaaf hin dande'u. “Isin keessaa nami mana dhaka'aa ijaaruu barbaadu, duraan dursee beesee ittiin ijaaree fixu akka qabu beekiisaaf, tee'ee ka gatii hin herrenne eennu? Yoo akkas hin te'in, hundee buusee fixiisa ammoo yoo dadhabe, worri kana dhaggu maraa itti kolla; ‘Ilaa, namichi kun ijaarsa jalqabee fixiisa ammoo dadhabe’ jedha. Yookiin mootiin loltoota kuma kudhan qabu, mootii loltoota kuma diddama qabu woliin loliisaaf ka duulu tokko, duraan dursee gad tee'ee ka hin mari'anne kam? Yoo hin dandeenne te'e, mootichi isa loliisaaf ka'e sun adoo fagoo jiruu ergantoota ifii itti ergee nageya buusiisaaf hin kadhata. Akkasuma, eennulle isin keessaa qabeenna ifii mara ka hin lakkinne barataa kiyya te'iisaaf hin dande'u” jedhe. “Sooddi waan dansa'a, ammoo yoo kuraa ifi keessaa dhabe, attamiin deebi'ee kurowa ree? Lafaaf yookiin kosii tuulantuufille hin te'u; alatti hin gatama. Gurra dhage'u ka qabu dhage'uuti!” jedhe. Gaafa tokko worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin dubbii Yesuusii dhage'iisaaf gara isaa dhufane. Fariisaayotaa fi barsiisoti Seeraa ammoo, “Namichi kun cubbaaleyyii hin fudhata, isaan wolille'een nyaata” jedhanee itti gungumane. Tanaaf Yesuus itti mammaakee, “Isin keessaa hoolee dhibba ka qabu, dhibba san keessaa hooleen takkattiin yoo duraa badde, sagaltamii sagali diidatti lakkisee hoolee badde san haga dhaggutti barbaadiisaaf ka hin baane eennu? Yennaa dhagge gammadee gurmuu ifii irratti kaafatee, gara mana ifii gala. Achiin duuba lansootaa fi olloota ifii waamee, ‘Hoolee tiyya ta badde waan dhaggeef na woliin gammada'a!’ hin jedha. Ani isinitti hima, akkuma kana, balchoota sagaltamii sagali ka cubbuu irraa deebi'iisi hin barbaachine caalaa, cuubbichi tokko cubbuu ifii irraa yoo deebi'e ol gubba'atti gammadi guddaan hin te'a” jedhe. Yesuus itti aansee, “Dubartiin saantii maallaqaa kudhan qaddu takka kudhan san keessaa takkaan yoo badde, ifa issitee, mana ifii hartee haga dhaggitutti miidhassitee hin barbaaddii motii? Yennaa dhaggite lansootaa fi olloota ifii waantee, ‘Saantii Maallaqaa tiyya, ta na duraa badde waan dhaggeef na woliin gammada'a!’ isaaniin hin jetti. Ani isinitti hima; akkuma kana cubbichi tokko cubbuu ifii irraa yennaa deebi'u ergantooti Waaqaa hin gammadan” jedhe. Yesuus itti aansee, “Namichi tokko ilmaan lamaan qaba. Maandhichi abba'aan ‘Abbaa kiyya, karra teeti keessaa qooda na gewu anaaf kenni!’ jedhe. Maarre abbaan karra ifii isaaniif qoode. Guyyoota diqqa'aan duuba ilmi maandhichi karra isa geette mara wolitti qabatee gara biyya fago'oo deeme; achitti le'ii badduu le'isaan karra ifii mara bittaneesse. Waan qabu maraa fixateen duuba, beelti jadduun biyya sanitti gallaan rakkate. Maarre worra biyya sanii keessaa namicha tokkoof hujiisaaf itti gale; namichille akka inni booyyee isaa tissuuf gara fichaa ifii erge. Inni qollofa booyyeen nyaattu nyaatee gadhaa guutatiisaaf kajeele, ammoo namuu wo itti hin kennine. Duuba gara yaada ifii deebi'ee, ‘Hojjattooti abbaa kiyyaa ta sagalee nyaattee hambaa hambittu meeqa? Ani ammoo asitti beelaan du'aara. Ka'ee gara mana abbaa kiyyaa dhaqee, abbaa kiyyaan, Ani Waaqaa fi si yakkeera; haganaan achi ani ilma keeti jedhamiisaaf hin malle; hojjattoota teeti keessaa akka hojjataa tokkoo na godhadhu’ jedhaan” jedhe. Maarre inni ka'ee gara abbaa ifii deebi'e. Abbaan isaa ammoo, adoo inni fagoo jiruu isa dhaggee, nayeefii itti fiigee hanqafatee sunqate. Ilmi isaa ammoo, ‘Abbaa kiyya, ani Waaqaa fi si yakkeera. Haganaan achi ani ilma keeti jedhamiisaaf hin malle’ jedheen. Abbaan isaa ammoo tajaajiltoota ifiitiin, ‘Ariifadha'aatii, woyaa, woyaa mara caaltu fida'aatii itti uffisa'a; qubee qubatti, kopheelle miilatti keya'a! Achiin duuba dardara coomaa fida'aatii qala'a, nyaataa jilifanna. Ilmi kiyya kun du'eeraayyu, amma ammoo jiraateera, badeeraayyu amma ammoo dhaggameera’ jedhe. Maarre isaan jilifachuu jalqabane. “Yennaa tana ilmi angafichi fichaa keessa jiraayyu. Yennaa deebi'ee manatti dhikaate weeddu'uu fi sirba dhage'e. Maarre inni tajaajiltoota keessaa tokko gara ifii waamee, “Maanti maan te'e?” jedhee gaafate. Tajaajilaan deebisee, ‘Obboleessa keetittuu deebi'ee gale; waan inni nageyaa fi fayya'aan galeef, abbaan keeti dardara coomaa qalchiise’ jedheen. Ilmi angafichi aaree mana seenuu dide; maarre abbaan gad itti bayee, akka inni mana seenuuf isa magannifate. Inni ammoo deebisee abbaa ifiitiin, ‘Ilaa, ani woggoota kana duudii akka garbichaa si'iif hujaa ture, ajaja keetille ijjumaa didee hin beeku; ati ammoo akka ani lansoota tiyya woliin gammaduuf buruusoo re'e'eelle ijjumaa anaaf kennitee hin beettu! Amma ammoo ilmi keeti kun karra teeti sagaagaltoota woliin fixee, deebi'ee dhufee jennaan, dardara coomaa isaaf qalte!’ jedhe. Abbaan deebisee, ‘Ilma kiyya, ati yennaa mara ana woliin as jirta, wonni ani qabulle maraa teeti. Obboleessi keeti kun ammoo du'eeraayyu, amma ammoo jiraateera; badeeraayyu amma ammoo dhaggameera; waan kanaaf nuuti jilifannee gammaduu qana’ jedheen” jedhe. Yesuus barattoota ifiitiin, “Namichi dureessi tokko, tooyataa mana isaa tooyatu qabaayyu. Tooyataan kun akka karra isaa balleessaaru dureesichatti himane. Maarre namichi dureessichi tooyataa san waamee, ‘Marroo teeti wonni ani dhage'u kun maan? Ati haganaan achi tooyataa kiyyaa waan hin teeneef, herrega toowatumma'aan itti hujje nati kenni’ jedheen. Toowataan sun gadhaa ifii keessatti, ‘Amma goottaan kiyya toowatummaa tana ana irraa fuudhaara, maan godhu naa woyya? Hin qotadha'atti hin dande'u, hin kadhadha'atti hin fokkifadha. Yennaa toowatummaa irraa ari'ame akka namooti gara mana ifii ana fudhatanuuf, ani waan godhu hin beeka!’ jedhe. Achiin duuba worra liqaa goottaa isaa qabu tokko tokkoon waamee, ka duraatiin, ‘Liqaa goottaa kiyyaa meeqa ifi irraa qadda?’ jennaan, namichi deebisee, ‘Zayitii ejersaa okkotee dhibba’ jedhe. Maarre toowataan, ‘Galmee keeti hoo'o; ariifadhuu shantama jedhii barreessi’. Ammalle toowataan, nama liqaa goottaa isaa qabu dhibi'iin, ‘Liqaa gootta'aa meeqa qadda?’ jedhee gaafate. Namichille deebisee, ‘Qamadii daawullaa shantama ’ jedhe. Toowataan, ‘Galmee keeti hoo'o; dhibba saddeeti jedhii barreessi’ jedheen. Goottaan, toowataa hin addatanne san mala inni dhowateef jaje. Kun ijoolleen lafa tanaa ijoollee ifaa caalaa worra isaan fakkaatu woliin wolitti dhikeenna qabanuun malaameyyii akka te'ane mudhisa. Ani isinitti hima, yennaa karri teessan hobbaate, akka isaan gara mana bara baraan itti leetanuu isin fudhatanu, karra dabaa ta lafa tanaatiin fira baafadha'a! “Nami waan diqqo'oon addatamaa te'e waan guddoolle'een addatamaa hin te'a. Nami waan diqqo'oon hin addatanne, waan guddoolle'een hin addatamu. Yoo isin karra biyya lafaa tanaan hin addatamin, eentu addatee karra dhuga'aa isinitti kenna ree? Isin karra worra dhibi'iitiin yoo hin addatamin, karra isiniif teetu eentu isiniif kenna ree? “Nami tokko garba goottaa lamaa te'iisaaf hin dande'u, tokkocha jibbee, kaan hin jaallata; yookiin tokkocha ulfeessee kaan hin tuffata. Akkasuma Waaqaa fi beesee tajaajiliisaaf hin dandeettanu” jedhe. Fariisaayoti worri beesee jaallatanu yennaa waan Yesuus dubbate kana dhage'ane isa ceeggatane. Yesuus ammoo isaaniin, “Isin yennaa maraa balchoota ifi gootanee ilaaltan, Waaqi ammoo waan gadhaa keessan keessa jiru dhagga, wonni nama duratti ulfaataa faakkaatee mudhatu, Waaqa duratti tuffatama'a. Seerri Muuse'eetii fi kitaaboti raagotaa haga bara Yohaannisii cuupha'aatitti hujaa turane. Haga mootummaan Waaqaa odeeffanteen jalqabee nami martinuu itti galiisaaf jabeennaan wodhaneera. Ammoo Seera keessaa bixxilleen addee dhidhattu ol-gubba'aa fi latti tartu irra kaso'o. “Nami haadha manaa ifii lakkisee dubartii dhibii fuudhu maraa hin gaarayyeeffata. Akkasuma dubartii abbaan manaa lakkise ka fuudhu hin gaarayyeeffata” jedhe. “Namichi dureessi woyaa dhiillee dansittii, ta gatii guddo'oo uffataa, guyyaa mara qananumma'aan le'u tokko jira. Namichi hiyyeessi tokko, ka Alaazaar jedhamu, ka nafi isaa duudiin mammadaayeeru balbala namicha dureesichaa dura irkateeraayyu. Inni waan qorii namicha dureesichaa irraa harca'e nyaatiisaaf halcha. Sareelle dhuttee madaa isaa arraabbatti. Namichi hiyyeessi duunaan, ergantooti Waaqaa fuudhanee cinaa Abrahaamii geessane. Namichi dureesichille du'ee awwaalame. Inni qilee keessatti rakkataa adoo jiruu, yennaa ol ilaale, fago'otti Abrahaam dhagge; Alaazaarille cinaa isaatitti dhagge. Maarre inni Abrahaamiin, ‘Abbaa kiyya Abrahaam anaa nayi! Ani bobe'a ibiddaa kana keessatti guddoo waan rakkatiisatti jiruuf, Alaazaar qaccee quba ifii bisaan keessa cuuphee akka arraba kiyya anaaf qabbanneessu magane'ee naa ergi’ jedhee waammate. Abrahaam deebisee, ‘Lansa kiyya, ati bara jiruu teeti ta lafaa, waan dansaa dhaggattee akka gammadde qaabbadhu; Alaazaar ammoo rakkataa ture. Amma inni gammadiisatti jira, ati ammoo guddoo rakkatiisatti jirta. Tana maraa irratti, akka worri asii gara keessan, worri achiille as gara keenna hin qaxxaamurre, bowwaan guddaan nu wodhakkaa jira’ jedheen. Namichi dureessichi ammoo, ‘Abrahaam, yoona akka Alaazaar gara mana abbaa kiyyaa ergitu si kadhadha. Ani obboleeyyan shan waan qabuuf, isaanille as addee rakkinnaa tana akka hin dhunne dhaqee ifi eegachiisuu ti’ jedhe. Abrahaam deebisee, ‘Isaan Muuse'ee fi raagota qaban, dubbii isaanii dhage'anuu ti’ jedhe. Achiin duuba namichi dureesichi, ‘Waawwoo, abbaa kiyya Abrahaam, nami tokko du'aa ka'ee adoo dhaqee isaanitti himee ammoo cubbuu ifii irraa hin deebi'an’ jedhe. Abrahaam ammoo, ‘Isaan Muuse'ee fi raagota dhage'uu yoo dhabane, yoo nami tokko du'aa ka'elle hin dhugeeffatanu’ jedheen” jedhe. Yesuus barattoota ifiitiin, “Wonni kolbaa gufachiisu dhufuu hin dhaddu; ammoo nama guffachiisu saniif aanne'e! Worra didiqqaa kana keessaa tokkocha guffachiisu'uu mannaa, dhakaan daaku'uu morma isaatitti hidhamee abbaayaa guddo'otti adoo gatamee isaaf woyya. Maarre isin ifi eeggadha'a; obboleessi keeti yoo si yakke, jabeessii gorsi; yoo inni yakka ifii irraa deebi'e isaaf araaram. Guyya'atti yennaa torba si yakkee, guyya'atti yennaa torba deebi'ee gara keeti dhufee, ‘Ani yakka irraa deebi'eera’ yoo si'iin jedhe isaaf araaram” jedhe. Ergantooti Gootta'aan, “Dhugeeffannaa teenna ede'i” jedhane. Goottaan deebisee, “Dhugeeffannaa haga midhaan sanaafici'ii geettu adoo qabaattanee, qilxaa kanaan, ‘Hiddaan buqqa'ii abbaayaa guddoo keessatti dhaabami!’ yoo jettane, innille isiniif hin ajajama” jedheen. Yesuus, “Isin keessaa nami tokko tajaajilaa qotii qotu yookiin hoolee tissu yoo qabaate, tajaajilaan sun addee huji'iitii yennaa galu, ‘Koy as tee'ii sagalee nyaadhu!’ hin jedhaanii? Addee tana jedhu, ‘Sagalee anaaf qopheessii, haga ani nyaadhee unutti woyaa teeti marxifadhuu anaaf ergami! Achiin duuba atille hin nyaata hin unta’ hin jedhaanii motii? Inni, tajaajilaa kana waan inni isa ajaje waan muummesseef hin galateeffataa? Maarre isinille waan ajajantane maraa yennaa muummessitane, ‘Nuuti tajaajiltoota woy hin baane; nuuti waan tolchu'uu malle callaa tolchine’ jedha'a!” isaaniin jedhe. Yesuus adoo Yerusaalem dhaquu, meessaa Samaariya'aatii fi Galiila'aatiin dabare. Adoo inni gara ollaa tokkoo seeniisatti jiruu, namooti kudhan ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan dhibamaneeranu tokko itti dhufane. Isaan fagoo dhaabbatanee, qonqoo guddo'oon, “Yesuus! Gootta'a! Nuu nayi!” jedhaneen. Yesuus yennaa isaan dhagge, isaaniin, “Dhaqa'aatii hayyootatti ifi mudhisa'a!” jedhe. Isaan adoo dhaqiisatti jiranuu fayyane. Isaan keessaa tokochi akka fayye yenna dhagge, qonqo'oo guddo'oon Waaqa galateessaa, deebi'ee dhufe. Miila Yesuusiititti jigee isa galateeffate; inni nama Samaariya'aa ti. Yesuus, “Namooti kudhanuu fayyanee motii? Nami sagali meeti ree? Namicha orma kana malee, nami Waaqa galateeffatiisaaf deebi'e hin jiruu?” jedhee gaafate. Achiin duuba Yesuus namichaan, “Ol ka'ii deemi; dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti” jedhe. Worri Fariisaayotaa gariin mootummaan Waaqaa yoom akka dhuttu Yesuus gaafatane. Inni deebisee, “Mootummaan Waaqaa karaa nami eeguun hin dhuttu. Eennulle, ‘Ilaa, as jirti!’ yookiin, ‘Achi jirti!’ hin jedhu; sababille, mootummaan Waaqaa isin keessa jirti” jedhe. Achiin duuba inni barattoota ifiitiin, “Yennaan isin guyyoota Ilma Namaa keessaa, guyyaa tokko dhaggiisaaf halchitanu hin dhutti, ammoo hin dhaggitanu. Namooti isiniin, ‘Kuunnoo achi jirti!’ yookiin ‘Kunoo asi jirti!’ hin jedhan. Isin ammoo hin dhaqina'a; faanalle hin fiigina'a! Akkuma balaqqeettiin gubba'aa balaqqittee gara tokkoo haga gara kaaniititti issitu, guyyaa Ilmi Namaa dhufu akkasuma hin te'a. Ammoo kanaan dura, Ilmi Namaa dhaloota kanaan guddoo rakkatu'uu fi jibbamuu qaba. “Bara Nohiititti akkuma te'ee, bara Ilma Namaatittille akkasuma hin te'a. Haga guyyaa Nohi hoboloo guddo'otti galuutitti, kolbaan nyaataa unaa, fuudhaa heerumaa turte, bisaan badi'iille dhufee isaan maraa balleesse. Bara Looxiille akkuma kana te'e; kolbaan nyaataa unaa, bitataa gurgurataa, midhaan dhaabaa, ijaarrataa turte. Guyyaa Looxi Sodoomii baye ammoo, ibiddii fi dhakaan bobe'u ol-gubba'aa roobee isaan maraa fixe. Guyyaa Ilmi Namaa mudhatuttille akkasuma hin te'a. “Guyyaa san nami mana gubbaa jiru, ka meyi isaa mana keessa jiru, fudhatiisaaf gad bu'ee gara manaa hin deebi'in. Haadha manaa ta Looxii qaabbadha'a! Nami jiruu ifii fayyifatiisaaf barbaadu jiruu ifii hin dhaba; nami jiruu ifii dhabu ammoo jiruu ifii hin fayyifata. Ani isinitti hima, halkan san nami lamaan taqee takkattii irra hin rafa, tokkochi hin fudhatama, kuun ammoo hin hafa. Dubartiin lamaan woliin daakuu daatti, takkattiin hin fudhatanti, tuun ammoo hin hatti. [Nami lamaan fichaa tokko keessa hin jiraata, tokkochi hin fudhatama, kuun ammoo hin hafa] ” jedhe. Barattooti isaa, “Gootta'a, eessatti?” jedhanee gaafatane. Yesuus deebisee, “Addee reeffi jirutti allaatiin yaati” jedhe. Achiin duuba Yesuus barattooti isaa yennaa mara akka daadimatanuu fi daadimatiisa akka hin dadhane barsiisiisaaf mammaassa itti mammaakee: “Abbaan mura'aa ka Waaqa hin sodaanne, ka namalle hin ulfeessinne tokko qachaa tokko keessa jira. Haati hiyyeessaa ta yennaa yenna'aan gara isaa deddeebi'aa, ‘Falmataa kiyya irratti muraa qajeelaa anaaf muri’ jedhaa itti boottu takkalle qachaa san keessa jirti. Abbaan mura'aa yennaa hedduu wo godhuu dide; duuba ammoo, ‘Waaqa sodaa yookiin nama ulfeessuu yoo dhabelle, haati hiyyeessaa tun ittuma waan na rakkittuuf, akka isiin yennaa mara dhufaa ana hin hifachiinne isi'iif hin mura’ jedhee ifiin dubbate” jedhe. Goottaan, “Waan abbaan mura'aa jallaammessi sun jedhe dhage'aa! Waaqille worra isaaf filame ka halkanii fi guyyaa gara isaa iyyuuf hin muruu ree? Isaan gargarsaaf hin hancaaraa? Ani isinitti hima, dafee isaaniif hin mura. Te'uu malee, Ilmi Namaa yennaa dhufu dhugeeffannaa lafa irratti hinuma dhaggaa laati?” jedhe. Yesuus namoota garii ka balchoolee ifi seyanee, worra kaan tuffatanutti, mammaakee: “Nami lamaan daadimatiisaaf gara Galma Waaqaa dhaqe: tokkochi Farisaayicha, kuun namicha qaraxa guuru. Fariisaayichi qofuu dhaabbatee, ‘Waaqayyo, ani akka worra dhibi'ii: saantuu, jallaammeessa, gaarayyeffataa, yookiin keessattuu akka namicha qaraxa guuru kanaa, waan te'uu dhabeef si galateeffadha. Torbaan keessatti yennaa lamaan laama; waan dhaggadhu mara keessalle'ee kudhan keessaa tokko si'iif kenna’ jedhee daadimate. Namichi qaraxa guuru sun ammoo, fagaatee dhaabbatee, gara ol-gubba'aalle adoo hin ilaalin, qoma dhodhowataa, ‘Waaqayyo, ana cubbicha marari!’ jedhe. Ani isinitti hima, Fariisaayicha saniin irra namichi qaraxa guuru kun Waaqa duratti balchoomee gara mana ifii deeme. Nami ifi guddisu hin diqqaata, nami ifi diqqeessu hin guddata” jedhe. Yesuus harka ifiitiin qaqqabee akka eebbisuuf namooti gariin daa'immaan gara isaa fidane. Barattooti isaa yennaa tana dhaggane, xixanee isaan dhooggane. Yesuus ammoo ijoollee gara ifii waamee, “Mootummaan Waaqaa ta worra akka kanaa waan teeteef, lakkisa'a, ijoolleen gara kiyya dhuttuu ti, hin dhooggina'a. Ani dhugumaan isinitti hima, eennulle ka mootummaa Waaqaa akka daa'imaa hin fudhanne, ijjumaa itti hin galu” jedhe. Bulchaan Yihudootaa tokko, “Barsiisaa dansaa, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf ani maan godhuu male?” jedhee Yesuus gaafate. Yesuus deebisee, “Maaf dansaa anaan jetta? Waaqa tokkocha malee, nami dansaan tokkolle hin jiru. Ati ajaja, ‘Hin gaarayyeeffatin, hin ijjeesin, hin hatin, dharaan dhugaa hin bayin, abba'aa fi haadha teeti ulfeessi!’ jedhu hin beetta” jedhe. Namichi deebisee, “Kana maraa ijoollumma'aan jalqabee eeggadheera” jedhe. Yesuus yennaa kana dhage'e namichaan, “Ammalle wonni godhuu malte tokkochi hafeera. Waan qaddu duudii gurguriitii hiyyeeyyi'iif qoodi, ol-gubba'atti hin duroonta; achiin duuba kooyiitii na hordof!” jedhe. Namichi ammoo yennaa tana dhage'e, guddoo dureessa waan te'eef, guddoo gadde. Yesuus akka namichi gadde dhaggee, “Worra dureeyyi'iif mootummaa Waaqaatitti galuun attam atam rakkisa'a! Dhugumaan, nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisaan irra, gaalli qowa liimoo keessa hulluuqiisatti irra kaso'o” jedhe. Worri kana dhage'e, “Yoona eentu fayyuu dande'a ree?” jedhee gaafate. Yesuus deebisee, “Wonni namaaf hin dande'ane Waaqaaf hin dande'anti” jedhe. Achiin duuba Pheexroos, “Kunoo, nuuti qe'ee teenna lakkinnee si hordonneerra” jedhe. Yesuus deebisee, “Ani dhugumaan isinitti hima, nami mootummaa Waaqaaatiif jedhee, mana yookiin obboleeyyan yookiin hadhaa fi abbaa yookiin ijoollee ifii lakkisse, bara jiruu tanaatitti dachaa hedduu caalchisee hin fudhata; bara jiruu dhuttuutittille jiru bara baraa hin fudhata” isaaniin jedhe. Yesuus barattoota kudhanii lamaan maddi'itti fuudhee, “Kunoo gara Yerusaalemii ol bayaarra, marroo Ilma Namaatiif ta raagotaan barreeffante maraa hin muummotti. Inni harka worra Yihudoota hin te'iniititti dabarfamee hin kennama. Isaan itti hin taphatan, hin arrassan, ittille hin tufan. Dhaananeen duuba hin ijjeesan, guyyaa sadiin duuba ammoo du'aa hin ka'a” isaaniin jedhe. Barattooti ammoo waan kana keessaa womaa hin hubanne. Hiikkaan dubbii sanii isaan duraa waan dhokatteertuuf waan Yesuus dubbate hubatiisaaf hin dandeenne. Yesuus Yeriko'otti yennaa dhikaate, namichi ballaan tokko karaa qarqara tee'ee kadhatiisatti jiraayyu. Gumiin cinaa isaatiin dabartuun dhage'ee, waan te'isatti jiru gaafate. Isaan, “Yesuusii nama Naaziretiititti asiin dabariisatti jira” jedhane itti himane. Maarre inni, “Yesuus, Ilma Daawwitii na marari!” jedhee iyye. Worri dura ideemu cadhisiisiisaaf isa xixe; inni ammoo ittuma caalchisee, “Ilma Daawwitii, na marari!” jedhee iyye. Yesuus dhaabbatee, namicha ballaa san gara isaa akka fidanuuf ajaje. Yennaa inni itti dhikaate, Yesuus “Maan akka ani si'iif godhu barbaadda?” jedhee isa gaafate. Inni deebisee, “Goottaa kiyya, ani akka dhaggu barbaada” jedhe. Yesuus deebisee, “Dhaggi! Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti” jedheen. Yennuma san dhaggee, Waaqa galateeffataa Yesuus hordofe. Gumiin sun martinuu yennaa tana dhaggite, Waaqa galateessite. Yesuus Yerikoo dhaqee keessa dabare. Namichi Zakkewoos jedhamu tokko achi jiraayyu. Inni mootii worra qaraxa guuruutii fi nama dureessa. Yesuus kam akka te'e beekiisaaf barbadee, hojjaan isaa ammoo gabaadduu waan teeteef, gumiin waan heddatteef Yesuus dhaggiisaaf hin dandeenne. Yesuus karaa saniin waan dabaraaruuf, isa dhaggiisaaf jedhee gumi'iin dura fiigee qilxaa tokko yaabe. Yesuus addee san yennaa geye, ol ilaalee, “Zakkewoos, adha mana keeti ooluun waan naa maleef, dafii gad bu'i” jedheen. Maarre inni dafee gad bu'ee gammadaan Yesuus fudhate. Worri kana dhagge maraa, “Inni keessummumma'aaf mana cubbichaa dhaqe” jedhee gungume. Zakkewoos ol ka'ee dhaabbatee Gootta'aan, “Gootta'a! Ani wol qixxee karra tiyyaa hiyyeyyi'iif hin qooda, eennulle irraa sobee yoo wo fudhadhee jiraadhe, harka afur hin deebisaaf” jedhe. Yesuus isaan, “Namichi kunille ilma Abrahaamii waan te'eef, adha fayyinni mana kanaaf dhufeera. Ilmi Namaa ka bade barbaadee fayyisiisaaf dhufeera” jedhe. Adoo isaan tana dhage'iisatti jiranuu, Yesuus Yerusaalemitti waan dhikaateeruuf, sababa kolbaan mootummaan Waaqaa yennuma san waan mudhattu seetertuuf, itti mammaakee, “Nami ulfinnaa tokko mootii te'ee deebi'iisaaf, biyya fago'oo dhaqe. Inni tajaajiltoota ifii keessaa kudhan waamee, saantimii worqi'ii kudhan itti kennee, ‘Haga ani deebi'utti daddala'aatii bu'aa buusa'a’ jedhe. Kolbaan biyya isaa ammoo isa jibbitee, ‘Namichi kun akka mootii keenna te'u nuuti hin barbaannu’ jettee ergantoota isa faana ergite. “Nami ulfinnaa sun mootii te'een duuba deebi'ee dhufe. Achiin duuba, beesee inni kenneen daddalanee, bu'aa isaan buufatane beekiisaaf tajaajiltoota ifii waansise. Tajaajilaan duraa dhufee, ‘Gootta'a, saantimii worqi'ii ta ati anatti kenniteen, saantimii worqi'ii harka kudhaan buufadheera’ jedheen. Mootichi isaan, ‘Tajaajilaa kiyya dansa'a, dansaa goote! Waan akka malee diqqoo irratti waan addatanteef, ani qachoota gugurdoo kudhan irratti itti gaafatamummaa si'iif hin kenna’ jedhe. Tajaajilaan lammeesso'oolle dhufee, ‘Gootta'a, saantimii worqi'ii ta ati anatti kenniteen harka shan buufadheera’ jedhe. Motichi isaan, ‘Atille, qachoota gugurdaa shan irratti itti gaafatamaa hin teeta’ jedhe. Achiin duuba tajaajilaan dhibiin dhufee, ‘Gootta'a, saantimiin worqi'ii teeti kunoo ti; hoccu'uun maree dhosseera. Ati nama hamaa waan teeteef ani si sodaadhe. Ati waan hin kuufatin fudhata, waan hin facaasinille haammatta’ jedhe. Goottaan isaa, isaan, ‘Tajaajilaa hama'a! Waanuma ati dubbatteen sitti mura. Ani nama hamaa akka te'e, waan hin kuufatin ka fudhadhu, waan hin facaasin ka haammadhu akka te'e eega beettee, beesee tiyya worra dhalaan liqeeffatutti maaf hin kennine ree? Silaa yennaa deebi'e, dhala woliin hin fudhadhaayyu’ jedhe. Achiin duuba inni worra achi dhaabbateeruun, ‘Saantimii worqi'ii san isa irraa fuudha'aatii tajaajilaa saantimii worqi'ii kudhan qabuuf kenna'a!’ jedhe. Isaan ammoo, ‘Gootta'a, inni duruu kudhan qaba!’ jedhaneen. Mootichi deebisee, ‘Ani isinitti hima, nama qabuuf itti dabalamee hin kennama; nama hin qanne ammoo ka inni qabuuyyu irraa hin fudhatama. Amma ammoo dinoota kiyya ka akka ani isaan irratti mootii hin teene barbaadane, as fida'aatii ila tiyya duratti gorra'aa!’ jedheen” jedhe. Yesuus tana dubbateen duuba isaaniin dura garuma duraa gara Yerusaalemii ol deeme. Yennaa addee gaara ejersaa jedhantutti, Betfaage'ee fi Bitaaniya'atti dhikaate, barattoota ifii keessaa lamaaniin, “Gara olloota isiniin duraa dhaqa'a; akkuma achi geettaneen ilmayyoo harre'ee mandiida hidhameeruun hin dhaggitan. Hiika'aatii as fida'a. Eennulle, ‘Maaf hiittan?’ jedhee yoo isin gaafate, ‘Gootta'atti barbaada’ jedha'aan” jedhe. Maarre worri ergamane dhaqanee, akkuma Yesuus isaanitti hime teeteen dhaggane. Adoo isaan ilmayyoo harre'ee san hiikiisatti jiranuu, worri harre'ee, “Maaf ilmayyoo harre'ee hiittan?” jedhee isaan gaafate Isaan deebisanee, “Gootta'atti barbaada” jedhane. Achiin duuba isaan harree san gara Yesuusii fidanee, woyaa ifii irra buusanee Yesuus irra teessisane. Adoo Yesuus yaabbatee ideemuu, kolbaan woyaa ifii kara'atti atte. Yennaa inni karaa gaara ejersaa irraa gad buusutti dhikaate, gumiin barattoota isaa duudiin, hujii bilbaasaa dhaggitte maraaf gammaddee, qoonqoo guddo'oon, “Mootiin maqaa Gootta'aatiin dhufu ka eebbifame! Ol-gubba'atti nageenni, olii ol-gubba'aatille ulfinni te'u!” jedhaa Waaqa galateeffatte. Gumii san keessaa Fariisaayoti gariin, “Barsiisa'a, barattooti teeti akka cadhisanuuf xixi!” Yesuusiin jedhane. Yesuus ammoo deebisee, “Ani isinitti hima, yoo isaan cadhisane, dhakooti hin iyyan” jedhe. Yesuus itti dhikaatee qachaa Yerusaalemii yennaa dhagge, booyeefii, “Adhumalle waan nageya si'ii fidu adoo beettee jiraattaa! Amma ammoo ila teeti duraa dhokateera! Guyyooti diinoti keeti dalleya marsanee sitti ijaaranee, si marsanee, karaa maraan sitti cufanu hin dhufa. Bara Waaqi itti si fayyisiisaaf dhufe waan hin beenneef, si'ii fi ijoollee teeti ta dalleyya keeti keessa jirtu ijjumaa hin balleessan. Dhakaa tokkochalle wol irratti si'iif hin lakkisanu. Achiin duuba Yesuus Galma Waaqaa seenee, worra achitti wo gurguratu alatti yaase. Inni isaaniin, “ ‘Manni kiyya mana daadimataa te'a’ jedhantee barreeffanteerti; isin ammoo goda saantu'uu gootane” jedhe. Yesuus guyyaa mara Galma Waaqaa keessatti barsiise. Moototi hayyootaa, barsiisoti Seeraatii fi sooressitooti kolba'aa isa ijjesiisaaf barbaadane. Te'uu malee, kolbaan martinuu yaada guutu'uun dubbii isaa dhage'iisatti waan jirtuuf isa wo godhiisaaf karaa hin dhagganne. Gaafa tokko Yesuus Galma Waaqaa keessatti kolbaa barsiisiisaa fi Oduu Gammadaa lallabiisatti adoo jiruu, moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muse'ee, maanguddoota woliin gara isaa dhufanee, “Baallii maaniitiin waan kana goota? Eentu baallii tana si'iif kenne? Nutti himi!” jedhaneen. Inni deebisee, “Anille gaaffii tokko isin gaafadha; cuuphaan Yohaannis cuuphe Waaqa irraa moo, nama irraa dhutte? Natti hima'a!” jedhe. Isaan waan kana irratti mari'atanee, “ ‘Waaqa irraa’ yoo jenne, ‘Maaf dubbii isaa hin dhugeeffatin ree?’ nuun jedha. ‘Nama irraa’ yoo jenne ammoo, kolbaan martinuu akka raagaa tokkootitti Yohaannis waan dhugeeffateertuuf, dhaka'aan nu tunti” woliin jedhane. Maarre isaan, “Eessaa akka dhutte nuuti hin beennu” jedhanee deebisane. Yesuus deebisee, “Anille baallii maaniitiin waan kana akka godhu isinitti hin himu” isaaniin jedhe. Yesuus itti aansee mammaassa kana kolba'atti mammaakee, “Namichi tokko muka woyni'ii fichaa ifiititti dhaabee, qottee bultootaaf kireessee, biyya fago'oo dhaqee achi ture. Yennaan guuranu geennaan, qooda midhaan woyini'ii ka isa gewu akka itti kennanuuf garbicha ifii tokko gara qottee bultootaa erge. Isaan ammoo isa dhaananee harka duwwaa ari'ane. Maarre inni garbicha dhibii itti erge; isaan isalle dhaananee salphisanee harka duwwaa ari'ane. Inni amalle garbicha sadeesso'oo itti erge; isaan isaalle madeessanee alatti darbane. Achiin duuba abbaan muka woyni'ii, ‘Ani maan godhu? Ilma kiyya jaallatamaa itti erga; isa hin ulfeessan fa te'a’ jedhe. Qottee bultooti ammoo yennaa isa dhaggane, ‘Kun ka dhaalu; akka dhaalli nu'uuf te'u, kowaa isa ijjeennaa!’ jedhanee mari'atane. Maarre isaan fichaa muka woyni'ii keessaa alatti isa darbanee ijjeesane. Yoona abbaan fichaa muka woyni'ii maan isaan godha laati? Inni hin dhufa, qottee bultoota san hin ijjeesa, fichaa muka woyni'iille worra dhibi'itti hin kennata” jedhe. Kolbaan tana yennaa dhageette, “Hanqisi!” jette. Yesuus ammoo isaan laalee, “‘Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, dhakaa dhakaa maraa caalaa barbaadamu te'e’ jedhante ta barreeffante maan jechu'u ree? Nami dhakaa san irratti jigu maraa hin caccaba; nami dhakaan sun irratti jigu ammoo hin bututa” jedhe. Barsiisoti Seera Muuse'eetii fi moototi hayyootaa akka Yesuus mammaassa kana marroo isaaniitiif mammaake beekanee, yennuma san isa qabiisaaf barbaadane; ammoo kolbaa sodaatane. Isaan Yesuus baalli'ii fi hunna bulchaa worra Rooma'aatitti dabarsanee kenniisaaf, waan inni dubbatuun qaxafiisaaf isa gaadane; maarre dootuu nama balchaa ifi fakkeessitu itti ergane. Maarre dootuun, “Barsiisa'a, wonni ati dubbattuu fi barsiittu dhugaa akka teete nuuti hin beenna; nama adoo wol hin caalchisin karaa Waaqaa dhuga'aan hin barsiitta. Mootii worra Rooma'aatiif gibira gabbaruun seera moo seeraa moti?” jettee isa gaafatte. Yesuus ammoo maltummaa isaanii dhaggee, “Beesee ittiin bitaa gurgurattanu takkaa anatti mudhisa'a; misili'ii fi barreeffama eennuutitti irra jira?” isaaniin jedhe. Jennaan, “Ka mooticha worra Rooma'aati” jedhane. Maarre Yesuus isaaniin, “Ka mootichaa mootichaaf, ka Waaqaa Waaqaaf kenna'a!” jedhe. Isaan kolbaa san duratti waan inni dubbatteen isa qaxafiisaaf hin dandeenne. Deebii isaa baaseffatanee cadhisane. Saduqooti gariin, worri du'aa ka'iisi hin jiru jedhanu, gara Yesuusii dhufanee, “Barsiisa'a, Muuseen, ‘Nami tokko niitii fuudhee ijoollee adoo hin uumatin isii irraa yoo du'e, obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaalee sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuuti” jedhee nu'uuf barreesseera. Obboleeyyan torba, tokko jiran. Angafichi isaanii niitii fuudhee ijoollee adoo hin uumatin du'e. Obboleessi isatti aanulle, haadhuma hiyyeesaa san dhaalee ijoollee adoo hin uumatin du'e; achiin duuba obboleessi sadeesso'oolle isii dhaale. Akkasuma obboleeyyan torbanuu adoo isii irraa ijoollee hin uumatin duute. Muummee irratti dubartittiille duute. Amma, isaan torbaanuu niitumma'aan isii waan fuudhaneeranuuf, guyyaa du'aa ka'iisaa isiin eennuuf haadha manaa teeti ree?” jettee gaafatte. Yesuus deebisee, “Worri biyya lafa tanaa hin fuudha, hin heerumalle'e; worri du'aa ka'iisaa fi biyya lafaa ta dhuttu keessatti le'iisaaf malane ammoo, hin fuudhanu, hin heerumanulle'e. Isaan akka ergantoota Waaqaa waan te'aneef, deebi'anee hin du'anu; waan du'aa ka'aneeranuufille ijoollee Waaqaa hin te'an. Muuseenuu, dabarsii marroo tusee gubattuu keessatti, Gootta'aan, ‘Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaaqii, Waaqa Yaaqoobii’ jedhee waan waameef, worri du'ane akka du'aa ka'anu mudhiseera. Martinuu isaaf jiraataa waan te'aneef, inni Waaqa worra jiraata'aati malee Waaqa du'ootaatii moti” isaaniin jedhe. Barsiisoti Seera Muuse'ee gariin deebisanee, “Barsiisaa, dansaa dubbatte” jedhane. Achiin duuba isaan debi'anee gaaffii dhibii isa gaafatiisaaf itti hin gamne. Achiin duuba Yesuus, “Attamiin isaan, ‘Masiihiin ilma Daawwitii ti’ jechu'uu dande'an?” jedhee isaan gaafate. “Daawwiti ifiifuu kitaaba faaru'uu keessatti, ‘Goottaan Goottaa kiyyaan, ‘Haga ani diinota keeti ejjata miila keetii jala kewutti, midda kiyyatti tee'i’ jedheera. Daawwiti, ‘Goottaa kiyya’ jedhee yoo isa waame, attamiin Masiihiin ilma isaa te'a ree?” jedhe. Kolbaan martinuu adoo dhage'iisatti jirtuu, Yesuus baratoota ifiitiin, “Barsiisota Seera Muuse'ee, ka woyaa dhedheertuu uffatanee asii fi achi ideemuu jaallatanu, addee dikko'ootitti nageya ulfinnaa akka isaan fuudhanu jaallatanu, Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barcumaa dansaa, lafa jilaatittille addee ulfinnaa filatanu irraa ifi eegadha'a! Isaan mana haadhotii hiyyeessaa sossanee, itti aalatiisaaf dheeressanee daadimatan. Muraa hantu'utti isaanitti murama” jedhe. Galma Waaqaa keessatti dureeyyiin subba kennansi itti kuufamu keessa, kennansa ifii buuttuun, Yesuus midhatee dhagge. Haati hiyyeessaa hiyyeettiin takkalle saantimii sibiila diima'aa didiqqoo lamaan keessa buuttuun dhagge. Inni, “Ani dhugumaan isinitti hima, haati hiyyeessaa hiyyeettiin tun isaan mara caalaa keessa buutte. Isaan martinuu qabeenna isaan geyee hafe irraa keessa buusane; isiin ammoo adoo hiyyeetti'iituu, kama ittiin bultu maraa keessa buutte” jedhe. Barattooti gariin Galmi Waaqaa dhakoota dadansa'aa fi kennansa Waaqaaf kennameen attam akka seefame dubbatane. Yesuus ammoo, “Wonni isin dhaggitanu kun maraa, dhakaan tokochille wol irratti hin hafu; yennaan inni itti diigamu hin dhutti” jedhe. Isaan, “Barsiisaa, kun yoom te'a? Wonni kun te'iisaaf akka dhikaate beekiisaaf beessisi te'uuf jiru maan?” jedhanee gaafatane. Yesuus deebisee, “Akka hin sobanne ifi eeggadha'a! Namooti hedduun, ‘Ani Kiristos, Yennaalle dhikaaterti!’ jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan. Isin ammoo isaan hin hordofina'a! Woraanaa fi worraaqa kolba'aa yennaa dhageettane hin sodaatina'a! Wonni akkasii kun dursee te'uu male; ammoo muummeen yoosuma hin teetu” jedhe. Inni itti aansee, “Gosi gosatti, mootummaan mootumma'atti hin kaati; tacho'i lafaa guddaan, beeltii fi dhukkubi hamaan addee adde'etti hin te'an; wonni sodaachisuu fi beessisi gugurdaalle ol-gubbaa irraa hin mudhatan. Wonni kun maraa adoo hin te'in dura, isaan isin hin qaban, hin miidhan; gara mana waaqeffaannaa Yihudootaatii fi mana hidha'aa dabarsanee isin hin kennan; sababa kiyyaaf fuula moototaatii fi bulchitootaa dura isin hin geessan. Kunille karaa dhugaa anaa ittiin baatanu isiniif hin te'a. ‘Maan jennee falmanna’ jettanee akka hin yaanneef gadha'atti qabadha'a! Worri isiniin falmu tokkolle, isin dura dhabbatiisaaf, yookiin isiniin mormiisaaf ka hin dandeenne, waan dubbattanuu fi qarummaa, aninuu isiniif hin kenna. Haadhoti'ii fi abbootiin, obboleeyyan, firoottanii fi lansooti teessanuu dabarsanee isin hin kennan; isin keessaa garii hin ijjeesan. Nami martinuu sababa kiyyaaf isin hin jibba. Ammoo rifeensi mataa keessanii tokkochille hin badu. Isin ciniinnattanee ossatiisaan jiruu hin dhaggattan” isaaniin jedhe. Yesuus itti aansee, “Yerusaalem loltootaan marfanteertuun yennaa dhaggitane diigamuun isi'ii akka dhikaate hin beettan. Yennaa san worri Yihudaa keessa jiranu gara gaarotaatitti baqatanuu ti; worri qachaa keessa jiranulle keessaa bayanuu ti, worri baadiyyaa jiranulle qacha'atti hin deebi'in. Guyyooti kun, ta barreeffante maraa akka muummottuuf, guyyoota adabbi'ii ti. Guyyoota sanitti dubartoota ulfaatii fi hoosisaatiif aanne'e! Lafa tana irratti rakkinni hamaan, kolbaa tana irrattille mufiin hin dhutti. Gariin goraade'een hin du'an, kuun gara biyya maraa hin booji'aman. Worri Yihudoota hin te'in haga yennaan isaanii muummottutti, Yerusaalem irra hin ejjatan” jedhe. Yesuus itti aansee, “Beessisi aduu, ji'aa fi urjoota irratti hin te'a. Bulpheessa abbaayya'aatii fi danbali'iitiin ka ka'e lafa irratti gosi duudiin sodaattee, waan gootu wollaalti. Hunnooti ol-gubba'aa waan raafamanuuf, kolbaan waan biyya lafaa irratti dhufaaru sodaattee eegatiisaan hin gaggaddi. Achiin duuba Ilmi Namaa hunnaa fi ulfinna gudda'aan duumensa keessa dhufuun hin dhaggan. Kun maraa te'iisa yennaa jalqabu, fayyinni keessaan waan dhikaateeruuf, ka'aa dhaabbadha'aatii mataa keessan ol qabadha'a” jedhe. Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, “Muka harru'uutii fi mukoota maraa ilaala'a. Yennaa baalli isaanii quunxuun dhaggitane, bonni akka dhikaate beettan. Maarre isinille, tun maraa teetuun yennaa dhaggitane, mootummaan Waaqaa akka dhikaatte beeka'a. Ani dhugumaan isinitti hima, tun maraa haga muummottutti dhalooti kun hin taru. Ol-gubba'aa fi latti hin taran, Jechi kiyya ammoo ijjumaa hin taru” jedhe. Yesuus itti aansee, “Akka malee nyaataa fi machi'iin yookiin jireenna lafa tanaatiif yaadaa, yennaa teessan balleessitanuun, guyyaan sun akka tiyyo'oo dedhuma akka isin hin qanne ifi eegadha'a! Guyyaan sun kolbaa lafa duudii irra leetu maraa irratti hin dhufa. Waan te'uuf jiru maraa jalaa bayiisaa fi Ilma Namaa dura dhaabbatiisaaf akka dandeettanu, ifi eegadha'aa, yennaa mara daadimadha'a!” jedhe. Yesuus guyyaa guyyaa Galma Waaqaa keessatti barsiisee, halkan halkan gara gaara ejersaa jedhamu gubbaa dhaqee bule. Kolbaan martinuu dubbii isaa caqasiisaaf barii halkaniin kaatee gara Galma Waaqaa dhaqaa turte. Jilti Daabboo Uukoo Hin Qannee, ta Jila Irra Dabarama jedhantu dhikaateertiiyyu. Moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee kolbaa waan sodaataneeranuuf, karaa Yesuus ittiin ijjeesanu barbaadane. Achiin duuba Seexanni, barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e, Yihudaa nama biyya Keriyootii seene. Maarre Yihudaan dhaqee mootota hayyootaatii fi qondaaltota eedduu Galma Waaqaa woliin attamiin akka Yesuus dabarsee isaaniif keennu mari'ate. Isaan guddoo gammadanee beesee isaaf kenniisaaf wolii galane. Marre Yihudaan wolii galee, addee gumiin hin jirretti Yesuus dabarsee isaaniif keenniisaaf, yennaa dagu'uu barbaadatiisatti ka'e. Achiin duuba guyyaan Jila Daabboo Uukoo Hin Qannee, ka hooleen Jila Irra Dabaramaa itti qalamuu qabu geye. Yesuus Pheexroosii fi Yohaannisiin, “Sagalee Jila Irra Dabaramaa akka nyaannuuf, dhaqa'aatii nu'uuf qopheessa'a!” jedhee erge. Isaan, “Eessatti akka qopheessinuuf barbaadda?” jedhanee isa gafatane. Inni deebisee, “Yennaa gara qacha'aa dhaxxanee seentane, nami tokko okkotee bisaanii ba'atee isin hin wolde'a; isa gula gara mana inni itti galuu dhaqa'a. Abbaa manaatiin, ‘Kolloon keessumma'aa ta ani barattoota tiyya woliin sagalee Jila Irra Dabaramaa keessatti nyaadhu eessa jirti? Si'iin jedha barsiisaan’ jedha'a. Inni kolloo mana irraa badhoo, ta afantee meya manaatiin qophootte takka isinitti hin mudhisa. Achitti nu'uuf qopheessa'a!” jedheen. Maarre isaan dhaqanee wonni maraa akkuma inni isaanitti hime teeteeruun dhagganee, sagalee Jila Irra Dabaramaa qopheessane. Sa'aatiin geennaan, Yesuus ergantoota ifii woliin qori'itti hiiqee tee'e. Inni isaaniin, “Ani adoo hin rakkatin dura sagalee Jila Irra Dabaramaa isin woliin nyaatiisaaf guddoo halcheera. Ani isinitti hima, haga mootummaa Waaqaa keessatti muummottutti, ani deebi'ee sagalee Jila Irra Dabaramaa hin nyaadhu” jedhe. Achiin duuba Yesuus muduunuu fuudhee, Waaqaaf galata galchee, “Ho'aa, qoodama'a! Ani isinitti hima, ammaan jalqabee haga mootummaan Waaqaa dhuttutti midhaan woyini'ii irraa hin unu” jedhe. Xaltaa daabbo'oolle fuudhee, Waaqaaf galata galchee, cassee, “Kun foon kiyya, ka isiniif kenname; kana qaabbii tiyyaaf godhadha'a!” jedhaa isaanitti kenne. Akkasuma, sagalee galgalaatiin duuba muduunuu fuudhee, “Muduunuun tun dhiiga kiyya ka isinii dhangala'een, gondooroo haareya. Ammoo kunoo, harki nama na dabarsee kennuu na woliin qorii keessa jira! Ilmi Namaa akkuma murtoottetti hin du'a; ammoo nama isa dabarsee kennu saniif aanne'e!” jedhe. Achiin duuba isaan, isaan keessaa waan kana ka godhu eennu akka te'e wol gagaafatane. Isaan keessalle'ee eentu akka caalu odduu isaaniititti wol mormiin kaate. Yesuus isaaniin, “Moototi worra Yihudoota hin te'inii kolbaa ifii hin mooyan; bulchitooti isaaniille, ‘Bu'aa buuttuu kolba'aa’ ifiin jedhan. Isin keessatti ammoo akkas hin te'in; isin keessaa caalaan akka maandhichaa te'uu ti; sooressille akka tajaajila'aa te'uu ti. Ka caalu eennu? Ka sagalee areerratiisaaf tee'u moo, ka areeru? Ka areerratiisaaf tee'uu motii? Ani ammoo isin oddu'utti akka areertu'uu ti. Isin worra rakkinna kiyya keessatti ana woliin turtane. Akkuma abbaan kiyya ana mootonse, anille isin hin mootonsa. Mootummaa tiyya keessatti qorii tiyya keessaa hin nyaattan, hin untan, barcumaa mootumma'aa irra teettanee gosa Israa'elii kudhanii lama irrattille hin murtan” jedhe. Yesuus, “Simoon, Simoon, dhage'i! Seexanni isin maraa akka qamadi'ii wobansiisaaf gaafateera. Ani ammoo dhugeeffannaan teeti akka hin banne si'iif daadimadheera. Atille yennaa gara kiyya deebite, obboleeyyan teeti jajjabeessi!” jedhe. Pheexroos ammoo, “Gootta'a, ani si woliin gara mana hidha'aa dhaqiisaa fi du'iisaafille qophoyeera” jedhe. Yesuus deebisee, “Pheexroos, ani sitti hima, edanuma adoo lukkuun hin iyyin yennaa sadiin si hin beeku jettee ana hin mormatta” jedheen. Achiin duuba Yesuus, “Korojoo, subba yookiin kophee adoo hin qabatin yennaa ani isin erge, wonni isinii dhidhatte jirti?” jedhee barattoota ifii gaafate. Isaan deebisanee, ‘Womaa hin dhidhanne!” jedhane. Yesuus isaaniin, “Amma ammoo, nami korojoo, yookiin subba qabu qabatuu ti; nami goraadee hin qanne woyaa ifii gurguree goraadee bitatuu ti. Ani isinitti hima, Barreeffam Woyyichi, ‘Yakkaameyyii woliin laakkowame’ ka jedhu, ana irratti muummowiisa qaba; dhugumaan marroo tiyyaaf ta barreeffantelle muummowiisatti jirti” jedhe. Barattooti, “Ilaa, Gootta'a, goraadeen lamaan as jira” jedhane. Jennaan inni deebisee, “Hin geya!” jedhe. Yesuus qachaa keessaa bayee, akkuma aadaa ifii gara Gaara Ejersaa dhaqe; barattooti isaalle isa woliin dhaqane. Addee san yennaa geye, isaaniin, “Ataabamiisatti akka hin galle daadimadha'a!” jedhe. Achiin duuba haga qolansaa dhaka'aa isaan irraa fagaatee jilbiiffatee, “Abba'a, yoo fedha keeti te'e, muduunuu rakkinnaa tana ana irraa fuudhi; ammoo akka fedha kiyyaa adoo hin te'in, akka fedha keetii te'uu ti!” jedhee daadimate. Achiin duuba ergamaan ol-gubba'aa mudhatee isa jajjabbeesse. Muddama ifii guddaa keessatti ittuma jabeessee daadimate; danfi isaalle akka coccopha dhiigaa lafatti gad roobe. Daadimata irraa ka'ee gara barattootaa yennaa deebi'ee dhaqe, gaddaan waan bututaneeranuuf rafaneeranuun dhagge. Inni isaaniin, “Maaf rattan? Akka ataabe'etti hin galle ka'aatii daadimadha'a!” jedhe. Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, gumiin dhuttee biraan baate; barattoota kudhanii lama keessaa Yihudaa ka jedhamu isaan fidee, Yesuus sunqatiisaaf itti dhikaate. Yesuus ammoo, “Yihuda'a, sunqatiisaan Ilma Namaa dabarsitee kennitaa?” jedheen. Worri Yesuus woliin jiranu waan te'aaru yennaa dhaggane, “Gootta'a, gorade'een dhoonnuu?” jedhane. Isaan keessaa tokkochi, tajaajilaa hayyicha gudda'aa dhowee, gurra middaa irraa kute. Yesuus ammoo, “Lakkisa'a! Tun hin dabalamin” jedhee gurra namichaa qaqqabee fayyise. Achiin duuba Yesuus mootota hayyootaa, qondaltota eedduu Galma Waaqaatii fi manguddoota worra isa qabiisaaf dhufaneen, “Akka ani alagala'aa goraade'ee fi ulee-jirma qabattanee ana qabiisaaf dhuttanee? Guyyuma guyya'aan isinuma woliin yennaa ani Galma Waaqaa keessa jiru, isin ana hin qanne. Amma ammoo, sa'aatiin tun teessanii fi ta hunni dukkanaa itti mootu” jedhe. Achiin duuba Yesuus qabanee, fuudhanee deemanee gara mana hayyicha gudda'aa geessane. Pheexroos ammoo fagaatee isa hordofe. Yennaa isaan dalleya wodhakka'atti ibidda gabbissanee wolitti dacha'anee tee'ane, Pheexroosille isaan woliin tee'e. Intalti tajaajiltuun takka, ifa ibiddaa qarqara tee'eeruun isa dhaggitee, hubattee, “Namichi kunille isa woliin jiraayyu” jette. Inni ammoo, “Intaa, ani isa hin beeku” jedhee mormate. Yennaa diqqo'oon duuba nami dhibiin isa dhaggee, “Ati isaan keessaa tokko” jedhe. Pheexroos ammoo, “Namicha, anaa moti!” jedhe. Gara sa'aatii takka'aatiin duuba nami dhibiin, “Nama Galiila'aa waan te'eef, dhugumaan namichi kunille isaan woliin jiraayyu” jedhee itti jabeesse. Pheexroos ammoo, “Namicha, waan ati dubbatiisatti jirtu kana ani hin beeku!” jedhe. Adoo inni tana dubbatiisatti jiruu, lukkuun iyyite. Goottaan garagalee Pheexroos ilaale. Achiin duuba Pheexroos Jecha Gootta'aa, ka duri inni isaan, “Edanuma adoo lukkuun hin iyyin yennaa sadiin ana hin mormatta” jedhe qaabbatee, gad bayee laaleffatee booye. Worri Yesuus qabanee eegiisatti jiranu itti taphatanee dhaanane. Ila isaa hidhanee, “Eentu si dhowe? Raagi me!” jedhaa isa gaafatane. Waan hedduu jedhaa isa arrassane. Yennaa latti bariite maanguddooti kolba'aa, moototi hayyootaatii fi barsiisooti Seera Muse'ee wolitti qabamanee, Yesuus kora murti'ii duratti dhikeessane. Isaan, “Masiihiin si'ii? Nutti himi!” jedhane. Inni ammoo, “Yoo ani isinitti hime, hin dhugeeffattanu; yoo ani isin gaafadhelle anaaf hin deebittanu. Ammoo Ilmi Namaa ammaa jalqabee, midda Waaqa waan mara dande'uutitti hin tee'a” jedheen. Isaan martinuu, “Ati Ilma Waaqaatii ree?” jedhane. Inni deebisee, “Te'uu kiyya isinuu jettane” jedhe. Jennaan isaan, “Nuutuu afaan isaa irraa dhageennee, dhugaa dhibii maaf barbaanna?” jedhane. Achiin duuba worri kora murti'ii san keessa jiranu duudiin ol ka'anee, Yesuus Philaaxoos dura dhikeessane. Isaan, “Namichi kun kolbaa teenna jallisiisee, mootii worra Rooma'aatiif gibra gabbaruu dhooggee, ani Masiihii mooti'i ifiin jedhuun qanneera” jedhaa isa himatiisatti ka'ane. Philaaxoos, “Mootiin Yihudootaa si'ii?” jedhee isa gaafate. Yesuus deebisee, “Maarre atuu jette” jedhe. Achiin duuba Philaaxoos mootota hayyootaatii fi gumi'iin, “Ani nama kana irratti yakkaa tokkolle hin dhaggine” jedhe. Isaan ammoo, “Inni biyya Yihuda'aa mara keessatti, Galiila'aa jalqabee haga asiitittille barsiisaa kolbaa teenna raasiisatti jira” jedhanee itti jabeessane. Philaaxoos tana yennaa dhage'e, nama Galiila'aa te'uu isaa gaafate. Yesuus biyya Heroodis bulchu keessaa akka te'e yennaa hubate, gara Heroodisii isa erge; yennaa san Heroodis biyya Yerusaalemii keessa jira. Heroodis yennaa hedduu dhaggiisaaf waan barbaadaa tureeruuf, yennaa Yesuus dhagge guddoo gammade. Marroo isaa waan dhage'eeruuf, bilbaasa garii inni hujuun dhaggiisaaf addateera. Heroodis gaaffii hedduu isa gaafate, inni ammoo womaa hin deebinne. Moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee achi dhaabbatanee, jabeessanee isa himatane. Heroodisii fi loltooti isaa Yesuus salphisanee itti taphatane. Achiin duuba woyaa dansaa itti uffisanee gara Philaaxoosii deebisanee ergane. Heroodisii fi Philaaxoos ka duraan wolii diina te'anee turane, gaafuma san wolii jaalomane. Philaaxoos mootota hayyootaa, sooressitootaa fi kolbaa waamee, “Namichi kun kolbaa jallisiisa jettanee, qaddanee gara kiyya fiddane; anille isinuma duratti isa qoree, waan isin isa himattane keessaa yakkaa tokkolle isa irratti hin dhaggine. Heroodisille waan yakkaa isa irraa dhabeef deebisee nutti ergeera; akkuma dhaggitanu, waan muraa du'aatiin isa geyu tokkolle hujee hin jiru. Tanaaf dhaansiisee isa gad lakkisa” jedhe. [Philaaxoos wogguma wogga'aan yannaa Jila Irra Dabaramaa worra hidhamane keessaa nama tokkocha kolba'aaf hiiku'uu male.] Gumiin duudiin, “Namicha kana balleessi! Barabbaa nu'uuf hiiki!” jettee itti hogitte. Barabbaan qachaa keessatti waan nageya booresseeruu fi nama ijjeeseeruuf mana hidha'aatitti hidhamee ture. Philaaxoos Yesuus hiikiisaaf fedhee, ammalle gumi'iin dubbate. Isaan ammoo, “Isa fannisi! Isa fannisi!” jedhanee ittuma hogisane. Philaaxoos sadeessoo, “Maaf? Maan balleesse? Yakkaa muraa du'aatiin isa geettu isa irratti ani hin dhaggine. Tanaaf dhaansisee isa hiika” isaaniin jedhe. Isaan ammoo, akka inni fannifamuuf qonqoo guddo'oon ittuma jabeessanee kadhatane; hogaan isaaniille milkowe. Maarre gaaffii isaaniitiif deebii kenniisaaf, Philaaxoos muraa kenne. Namicha nageya booressiisaa fi nama ijjeesiisaan hidhameeru, ka kolbaan gaafatte hiikee, akka fedha isaanii Yesuus dabarsee isaanitti kenne. Adoo Yesuus geessanuu, nama biyya Qareena'aa ka Simoon jedhamu tokko baadiyya'aa galuun qabanee, muka fanno'oo ba'atee Yesuus faana akka deemuuf irra keyane. Gumiin guddoon Yesuus hordotte; gumii san keessa dubartooti qoma dhowataa isaaf boottulle jirti. Yesuus ammoo gara isaanii garagalee, “Dubartii Yerusaalemii, ifii fi ijoollee teessaniif booya'a malee, anaaf hin booyina'a! Sababille guyyooti isaan, ‘Maseenni, gadaammessi ijjumaa hin deyinii fi harmi hin hoosisin ka badhaadhane’ jedhanu hin dhufan. Yennaa san isaan gaarotaan, ‘Nu irratti jiga'a!’ koobotalle'een, ‘Nu dhossa'a!’ hin jedhan. Adoo muki bisile'eetuu yoo akkasi godhane, yennaa muki goge attam godhan ree?” jedhe. Namoota yakkaameyyii lamaan dhibiille, ijjeesiisaaf Yesuus woliin geessane. Addee “Buqqii Mata'aa” jedhantu yennaa geyane, achitti Yesuus fannisane; yakkaammeyyiille tokkocha midda isaatitti, kaan bitaa isaatitti fannisane. Yesuus ammoo, “Abba'a, isaan waan godhiisatti jiranu waan hin beenneef, isaaniif araarami!” jedhe. Isaan carraa buufatiisaan woyaa isaa qoodamane. Kolbaan achi dhaabbattee ilaaliisatti jirtiiyyu; bulchitootille itti taphatanee, “Inni worra dhibii fayyiseera; Masiihii Waaqi filate yoo te'e ifi fayyisuu ti!” jedhane. Loltootille itti taphatanee, daadhii woyni'ii dhangaggoottuu isaaf kennanee, “Ati mootii Yihudootaa yoo teete, ifi fayyisi!” jedhane. Barreeffam, “Kun Mootii Yihudootaati” jedhu mataa isaatiin gubbaa jiraayyu. Yakkaammeyyii achitti fannifamane keessaa tokkochi, “Ati Masiihii motii? Ifi fayyisi, nulle fayyisi!” jedhee isa arrasse. Yakkaammessi kuun ammoo, “Atille akkuma namicha kanaa muraa fudhatteerta, Waaqumalle hin sodaattuu ree?” jedhee isa xixe. Achiin duuba, “Nuuti waan hunyeef waan dhaggatu'uu malle waan dhaggataarruuf, dhuguma nutti murame; inni ammoo womaa hin yakkine!” jedheen. Achiin duuba Yesuusiin, “Yesuus, mootummaa teetiin yennaa dhuttu na qaabbadhu!” jedhe. Yesuus deebisee, “Dhugumaan ani sitti hima, adhuma ana woliin addee gammadaa keessa hin jiraatta” jedheen. Orraa gara sa'aatii jaatitti aduun ifa waan dhaddeef, latti duudiin dukkanoottee, haga sa'aatii sagalii turte. Gollaan Galma Waaqaalle addee lamatti tarsa'e. Yesuus qoonqoo guddo'oon, “Abbaa kiyya, ani ayyaana kiyya harka keetitti kennadha!” jedhe. Inni kana jedhee du'e. Ajajaan dhibbaa waan te'e kana yennaa dhagge, “Namichi kun dhugumaan nama balcha'a” jedhee Waaqa galateeffate. Gumiin ilaaliisaaf achitti wolitti qabanteertu maraa waan te'e yennaa dhaggite, gaddaan qoma ifii dhodhowataa gara mana ifii galte. Worri isa beekanu maraa fi dubartooti Galiilaa irraa isa hordofane ammoo fagoo dhaabbatanee, waan kana ilaaliisatti jiraniiyyu. Namichi dansa'aa fi balchaan, ka mootummaa Waaqaa eeggatiisatti jiru, ka biyya Yihudootaa qachaa Armaatiya'aa keessaa dhufe, ka Yoseef jedhamu tokko jira. Inni miseensa kora murti'ii te'ulle mura'aa fi hujii isaaniititti wolii hin galin ture. Inni gara Philaaxosii dhaqee reeffa Yesuusii kadhate. Achiin duuba reeffa gad buusee woyaa qoolaan maree, boolla awwaalaa ka dhakaa keessatti bocamee qophoyeeru, ka nami ijjumaa itti hin awwaalamin keessatti awwaale. Guyyaan sun guyyaa Qophi'ii ti, Sanbatille seeniisaaf dhikaatera. Dubartooti Galiilaa irraa Yesuus woliin dhufane, Yoseef faana deemanee addee awwaalaatii fi akka reeffi Yesuusii itti awwaalame dhaggane. Achiin duuba gara manaa debi'anee uddowa'aa fi fiqiree qopheessane. Guyyaa Sanbataa akka Seerri ajajutti foorfatane. Guyyaa Dilbataa barii halkaniin dubartooti sun uddowaa qopheessiteertu qabattee gara boolla awwaalaa dhaxxe. Dhakaan afaan boolla awwaalaa irraa gangalfameeruun dhaggane. Boolla awwaalaa keessa yennaa seenane ammoo, reeffa Goottaa Yesuusii hin dhagginne. Isaan waan kana mamiisatti jiranuun, nami lamaan woyaa caccalaqqittu uffatee dedhuma cinaa isaanii dhaabbate. Dubartooti guddoo sodaatanee gad lafa ilaalane; namooti sun ammoo, “Maaf jiraataa worra du'eeru odduu barbaaddan? Inni as hin jiru, ka'eera. Galiilaa adoo jiruu waan inni isinitti hime qaabbadha'a! ‘Ilmi namaa harka cubbaalleyyi'iititti kennamee, fannifamee, guyyaa sadeesso'ootitti du'aa ka'uu male’ jedhe” jedhaneen. Achiin duuba waan Yesuus jedhe qaabbatane. Addee awwaalaatii yennaa deebi'ane, waan kana maraa ergantoota kudhanii tokkoo fi worra kaan maratti himane. Worri waan kana ergantootatti himane, Maariyaamii qachaa Magdalaa, Yo'anaa, Maariyaamii haadha Yaaqoobiitii fi dubartoota dhibi'i. Ergantooti ammoo dubbii hin teene seyanee, dubbii isaanii hin dhuggeeffanne. Pheexroos ammoo ka'ee gara boolla awwaalaa rukkise. Gad jedhee boolla awwaalaa keessa ilaalee, woyaa itti marane malee womaa hin dhaggine. Achiin duuba waan te'e kana baaseffataa gara manaa deebi'e. Gaafuma san isaan keessaa nami lamaan gara ollaa Yerusaalemii irraa kiiloo meetrii kudha tokko fagaatu, ka Emahuus jedhamuu dhaqiisatti jiraniiyyu. Isaan marroo waan te'e kana maraa haasowiisatti jiraniiyyu. Adoo isaan waan kana haasowaa mari'atanuu, Yesuus ifumaafuu dhufee biraan bayee, isaan woliin ideeme. Ammoo akkka isaan isa hin hubanne, ilti isaanii qabanteerti. Yesuus isaaniin, “Wonni isin haasowaa ideentanu kun maan inni?” jedhe. Isaan fuula gaddaatiin achuma dhaabbatane. Achiin duuba isaan keessaa Qileyophaa ka jedhamu tokko deebisee, “Yerusaalem keessatti nami keessummaan ka waan dhiyoo tana achitti te'e hin beenne, si'uma calla'aa?” jedhe. Inni, “Maan inni?” jedhee gaafate. Isaan deebisanee, “Marroo Yesuusii nama Naaziretii, ka waan godhee fi waan dubbateen Waaqaa fi kolbaa mara duratti raagaa jabaa, ka moototi hayyootaatii fi bulchitooti teenna akka du'uu fi fannifamu itti muranee dabarsanee kennane. Nuuti ammoo ka Israa'el wodu isa jennee addii itti godhanneera. Kana maraa irratti, wonni kun mara haga teeteen adhi guyyaa sadeesso'oo ti. Dabalamaan, dubartooti golii teennaa nu maalalchaneeran; isaan adha barii halkaniin gara boolla awwaalaa dhaqaneeran; ammoo reeffa isaa hin dhaggine. Achii deebi'anee, ergantoota Waaqaa ta, ‘Inni hin jira’ isaaniin jette akka mudhi'iin dhaggane nutti himane. “Worra nu woliin jiranu keessaa gariin gara boolla awwaalaa dhaqanee, akkuma dubartooti sun jedhane teeteertuun dhaggane; isa ammoo hin dhaggine” jedhanee itti himane. Achiin duuba Yesuus isaaniin, “Isin attam attam gowwoole'e, waan raagoti jedhane maraa dhugeeffatiisaafille yaadi gadhaa keessanii attam attam hancaara'a! Masiihiin rakkinna kana maraa fudhatee ulfinna ifiititti galiisi, barbaachisa'aa motii ree?” jedhe. Yesuus achiin duuba kitaaba Muuse'eetii jalqabee kitaabota raagotaa mara keessatti, marroo isaatiif waan Barreeffam Woyyichi dubbatu maraa isaaniif hiike. Gara ollaa itti dhaqiisatti jiranuu yennaa dhikaatane, Yesuus akka waan dabaree ideemuu te'e. Isaan ammoo, “Latti galgaloottee, waan dhiyiisatti jirtuuf, nu woliin buli!” jedhanee jabeessanee isa kadhatane. Maarre inni isaan woliin buliisaaf gara manaa seene. Isaan woliin qori'itti hiiqee yennaa tee'e, daabboo fuudhee eebbisee, cassee isaaniif kenne. Achiin duuba ilti isaanii banantee, isa hubatane; inni ammoo ila isaanii duraa miliqe. Isaan wol woliin, “Yennaa inni kara'atti nu woliin haasowee fi Barreeffama Woyyicha nu'uuf hiike, gadhaan keenna hin gubannee?” jedhane. Isaan yennuma san ka'anee gara Yerusaalemii deebi'ane. Achitti barattoota kudhanii tokkoo fi worra isaan woliin jiranu wolitti qabamaneeranuun dhagganee, “Goottaan dhugumaan du'aa ka'eera, Simoonille'etti mudhateera!” jedhane. Achiin duuba jarri lamaan waan kara'atti te'e maraa fi yennaa Goottaan daabboo casse attam akka isa beekane himane. Adoo jarri lamaan sun waan kana himiisatti jiranuu, Yesuus ifumaafuu isaan odduu dhaabbatee, “Nageenni isiniif te'u!” isaaniin jedhe. Isaan waan ekeraa dhaggane seyanee, sodaatanee bararaqane. Yesuus ammoo, “Maaf sodaattan? Gadhaa keessan keessatti maaf mantan? Harka kiyyaa fi miila kiyya ilaala'a, anumaayyuu dhagga'a. Qaqqaba'aatii ana ilaala'a; ekeraan foonii fi lafee hin qaddu, akkuma dhaggitanu ani hin qaba” jedhe. Yesuus tana jedhee harkaa fi miila ifii isaanitti mudhise. Isaan gammadaa fi baaseffataan waan guutamaneeranuuf ammalle dhugeeffatiisa dhabanee jennaan, “Waan nyaataa asii qaddanii?” jedhee isaan gaafate. Isaan qurxummii woddante diqqoo takka itti kennane; innille fuudhee fuula isaanii duratti nyaate. Achiin duuba Yesuus isaaniin, “Yennaa isin woliin jiru, Seera Muuse'ee, Kitaaba Raagotaatii fi Kitaaba Faaru'uu keessatti marroo tiyyaaf ta barreeffante maraa muummowu'uu malte, jedhee ta ani isinitti hime tana” jedhe. Achiin duuba inni Barreeffama Woyyicha akka hubatanuuf qalbii isaanii bane. Inni isaaniin, “Masiihiin akka rakkatuu fi guyyaa sadeesso'oo du'aa akka ka'u, cubbuu irraa deebi'iisaa fi araarri cubbu'uu maqaa isaatiin Yerusaalemii jalqabee gosa maraaf akka lallabamu barreeffameera. Isin waan kanaaf dhugaa-baatoota. Kunoo, waan Abbaan kiyya addi isinii kenne ani isiniif hin erga; ammoo haga hunna gubbaa irraa dhaggattanutti qachaa Yerusaalemii keessa tura'a” jedhe. Achiin duuba Yesuus qachaa keessaa baasee, haga Bitaaniya'aa isaan geesse; achitti harka ifii lamaanuu ol kaasee isaan eebbise. Adoo isaan eebbisiisatti jiruu, isaan irraa gargar bayee gara ol-gubba'aa fudhatame. Isaan isaaf sagadanee, gammachuu gudda'aan gara Yerusaalemii deebi'anee, yennaa mara Galma Waaqaa keessatti Waaqa galateeffataa turane. Biyyi lafaa dadamiisaan duraayyuu, Jechi jira; Jechille Waaqa woliin jira; Jechinuu Waaqumaayyu. Inni jalqabumaa Waaqa woliin jira. Waaqi karaa isaatiin waan maraa dade; dadaa maraa keessaa tokkolle isaan malee hin dadanne. Isa keessa jiru'utti jira; jiruun sun ifa namootaa ti. Ifi dukkanatti ifa; dukkanti ijjumaa ifa hin injifattu. Nami Waaqa biraa ergame, ka Yohaannis jedhamu tokko jiraayyu. Inni nami martinuu dubbii isaa dhage'ee akka dhugeeffatu, marroo ifa sanii kolba'atti himiisaaf dhufe. Inni marroo ifa sanii himiisaaf dhufe malee, ifiif ifaa moti. Ifi gara biyya lafaa dhufee nama maraaf issu sun ifa dhuga'aa ti. Inni biyya lafaa keessa jiraayyu; Waaqi karaa isaatiin biyya lafaa dade; biyyi lafaa ammoo isa hin beenne. Inni gara biyya ifii dhufe; kolbaan isaa ammoo isa hin fudhanne. Te'uu malee, worra isa fudhatee itti dhugeeffate maraaf, akka ijoollee Waaqaa te'uuf midda kenne. Isaan Waaqa irraa dhalatane malee, fedha dhiiraa irraa yookiin fedha foonii irraa yookiin fedha dhiigaa irraa hin dhalanne. Jechi nama te'ee, badhaadhaa fi dhuga'aan guutamee, odduu teenna le'e. Nuuti ulfinna inni akka Ilma Abba'aaf tokkochaatitti fudhate dhaggine. Yohaannis, “ ‘Ka ana duubaan dhufu, adoo ani hin dhalatinuu waan jiruuf, inni guddoo na caala’ jedhee ka ani dubbadhe isa” jedhee iyyee dhugaa baye. Guutummaa badhaadha ifii irraa inni nu maraa eebbisee, eebba irratti eebba dhibii dabalee nuu kenne. Waaqi karaa Muuse'eetiin seera kenne; badhaadhaa fi dhugaan ammoo karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhutte. Ka Waaqa dhaggeeru tokkolle ijjumaa hin jiru. Ilmi tokkochi isaa Waaqi, ka cinaa Abba'aa jirutti isa mudhise. Yihudooti baallii qabanu hayyootaa fi Lewwoota garii, “Ati eennuu?” jedhanee akka isa gaafatanu Yerusaalem irraa gara Yohaannisii ergane. Yohaannis, “Ani Masiihii moti” jedhee dubbatee dhugaa baase malee, deebisiisaaf hin didanne. Isaan, “Ati eennu ree? Ati Elyaasii” jedhanee isa gaafatane. Yohaannis, “Waawwoo ani isaa moti” jedhee deebise. Isaan, “Ati Raagichaa ree” jedhanee gaafatane. Inni, “Waawwoo” jedhee deebise. Isaan, “Ati eennu ree? Worra nu ergeef deebii deebinnee himuu qanna. Ati eennu ifiin jetta?” jedhaneen. Yohaannis deebisee, “Isaayaasiin raagichi akkuma dubbate, ani ‘Qoonqoo nama daandii Goottaan irra ideemu qajeelcha'a’ jedhaa, lafa goomole'ee keessaa iyyuu ti” jedhe. Ergantooti Fariisaayotaan ergamane, “Ati Masiihii yookiin Eliyaas yookiin Raagicha yoo hin te'in maaf cuuxxa ree?” jedhanee Yohaannis gaafatane. Yohaannis, “Ani bisaaniin isin cuupha, ka isin hin beenne ammoo odduu teessan dhaabbata. Inni ana duubaan dhufaara; ani hidhaa kophee isaa hiiku'uufille nama malee moti” jedhee deebise. Wonni kun marti laga Yordaanosiitiin gama karaa aduun baatu Bittaaniya'atti, addee Yohaannis itti cuuphiisatti jirutti teete. Boruyyaa Yohaannis, Yesuus gara isaa dhufuun dhaggee, “Kunoo! Hooleen Waaqaa, ka cubbuu biyya lafaa balleessu. Ka ani, ‘Ka ana duubaan dhufu, adoo ani hin dhalatinuu waan jiruuf, inni ana caala’ ka ani jedhe isaa kana. Aninuu inni eennu akka te'u hin beenne; ammoo akka inni kolbaa Israa'eliititti mudhatuuf, ani bisaaniin cuuphaa dhufe” jedhe. Yohaannis, “Ayyaanni Woyyichi akka saphaliisaa ol-gubba'aa gad dhufee isa irra bu'ee hafuun dhagge” jedhee dhugaa baye. Aninuu isa hin beenne, Waaqi akka ani bisaaniin cuuphuuf na erge ammoo, ‘Ka Ayyaana Woyyichaan cuuphu, Ka Ayyaanni Woyyichi isa irra bu'ee hafuun ati dhaggitu’ anaan jedheera. Anille waan kana dhaggeera, inni Ilma Waaqaa akka te'e isinitti hima” jedhe. Guyyaa itti aanu Yohaannis ammalle barattoota ifii lamaan woliin dhaabbatiisatti jiruun, yennaa Yesuus achiin dabaru dhaggee, “Kunoo, hooleen Waaqaa!” jedhe. Barattooti Yohaannisii lamaan dubbii Yohaannisii tana dhage'anee, Yesuus hordofane. Yesuus garagalee, isaan isa hordofanuun dhaggee, “Maan barbaaddan?” jedhee isaan gaafate. Isaan ammoo, “Rabbii, eessa leeta?” jedhaneen; “Rabbii” jechuun, “Barsiisaa” jechu'u. Yesuus, “Kowa'aatii ilaala'a!” isaaniin jedhe. Maarre isaan dhaqanee addee Yesuus le'u dhagganee, guyyaa san isa bira oolane; yennaan sun saafoya gara sa'aatii kudhanii ti. Barattoota dubbii Yohaannis dubbate dhage'anee Yesuus hordofane keessaa tokkochi, Indiryaasii obboleessa Simoon Pheexroosii ti. Indiryaas dursee obboleessa ifii Simoon dhaggee, “Masiihii dhaggineerra” jedhee itti hime; “Masiihii” jechuun, “Kiristoos” jechu'u. Achiin duuba Indiryaas Simoon gara Yesuusii geesse. Yesuus isa ilaalee, “Ati Simoonii ilma Yohaannisii ti; ammoo haganaa achi, ‘Keefaas’ jedhantee waamanta” jedheen; “Keefaas” jechuun afaan Giriikiitiin, “Pheexroos” jechu'u; Pheexroos jechuun, “Rassaa” jechu'u. Guyyaa itti aanu Yesuus Galiilaa dhaqiisaaf murteeffate. Inni Filiphoos dhaggee, “Ana hordofi!” jedheen. Filiphoos akkuma Indiryaasiitii fi Pheexroosii, nama qachaa Betsayda'aa ti. Filiphoos Naataanaa'el dhaggee, “Nuuti ka Muuseen kitaaba seeraa keessatti marroo isaa barreesse, ka raagotille marroo isaa barreessane dhaggineeera. Inni nama biyya Naaziretii, Yesuusii ilma Yoseefii ti” jedheen. Naataanaa'el, “Naaziret keessaa wonni dansaan dhaggamuu dandeettii?” jedhee Filiphoos gaafate. Filiphoos, “Koyiitii ilaali!” jedhee deebise. Yesuus yennaa Naataanaa'el gara isaa dhufuun dhagge, “Kunoo, nami dhugumaan Israa'elichi, ka dharti tokkolle isa keessa hin jirre!” jedhee marroo isaa dubbate. Naataanaa'el, “Eessatti na beetta?” jedhee gaafate. Yesuus, “Filiphoos adoo si hin waaminuu, muka harru'uu jala jirtuunuu si dhagge” jedheen. Naataanaa'el, “Barsiisa'a, ati Ilma Waaqaa ti! Ati mootii Israa'elii ti!” jedhee deebise. Yesuus, “Yennaa ati muka harru'uu jala jirtuu si dhagge waan ani jedheef dhugeeffataa? Ati waan guddoo kana caaluu hin dhaggita. Yesuus itti dabalee, “Dhugaa isinitti hima: Ol-gubbaan banantee, ergantooti Waaqaa Ilma Namaa irra ol bayaa gad buutuun hin dhaggitan” jedheen. Guuyyaa sadeesso'oo qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessa fuudhaa fi heerumatti jiraayyu. Haati Yesuusiille achi jirtiiyyu. Yesuusii fi barattooti isaalle gara fuudhaa fi heeruma sanii waamamaneeran. Yennaa daadhiin woyni'ii dhumatte, haati Yesuusii, “Daadhii woyni'ii isaan duraa dhumatte” Yesuusiin jette. Yesuus, “Aayyaa, waan huju anatti himu'uuf hin malle; yennaan tiyya ammalle hin geenne” jedhee deebise. Achiin duuba haati Yesuusii, “Waan inni isinitti himu godha'a” jettee tajaajiltootatti hinte. Yihudooti aadaa dhugeeffanna'aa ka ittiin ifi qulleessanu waan qabanuuf, okkotooti gugurdoon dhakaa irraa hujatante jaan achi jirtiiyyu; tokko tokkoon isaanii gara litirii saddeettaamaa haga litirii dhibbaa fi diddamaa qabuu dande'an. Yesuus tajaajiltootaan, “Okkotoota san bisaaniin guuta'a” jedhe. Isaanille haga afaanii guutane. Achiin duuba inni isaaniin, “Amma budduussa'aatii, itti gaafatamaa jilaatitti geessa'a” jedhe. Isaanille isaaf geessane. Itti gaafatamaan jilaalle bisaan daadhii woyni'ii te'e san fiixxisee ilaale. Tajaajiltooti worri bisaan budduusse beekanuu malee, inni daadhiin woyni'ii tun eessaa akka dhutte hin beenne; maarree inni waajibicha waamee, “Nami marti dursee daadhii dansaa namaa kennee, keessummooti untee quutteen duuba daadhii calcala namaa kenna. Ati ammoo daadhii dansittii haga ammaa tursite!” jedheen. Yesuus qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessatti bilbaasa qaraa kana huje; achitti ulfinna ifii mudhisee, barattooti isaalle isatti dhugeeffatane. Kanaan duuba, Yesuus haadha ifii, obboleeyyanii fi barattoota ifii woliin gara Qifirnaahomii dhaqe; isaan guyyoota diqqaa achi turane. Guyyaan Jila Irra Dabaramaa dhikaateeruun, Yesuus gara Yerusaalemii dhaqe. Achitti inni Galma Waaqaa keessatti kolbaa loon, hoole'ee fi saphaliisa gurgurattu, worra beesee jijjiiratulle xarapheessaa isaanii bira tee'iisatti jiranuun dhagge. Maarre inni lichee wodaro'oo dhowatee, isaan maraa, hoole'ee fi loon, horii maraayyuu Galma Waaqaa keessaa gad oofe; inni xarapheessaa worra beesee jijjiiratuu garaggaggalchee beesee isaaniille bittanneesse. Worra saphaliisa gurguratu saniin, “Waan kana as keessaa gad baasa'a! Mana Abbaa kiyyaa addee dikko'oo hin godhina'a!” jedhee ajaje. Barattooti isaa, “Hinaaffaan mana keetii, akka ibiddaa na guddi” jedhantee ta barreeffante san qaabatane. Yihudooti baallii qabanu, “Ati waan kana godhiisaaf baallii akka qaddu nu'utti mudhisiisaaf bilbaasa maan godhuu dandeetta?” jedhanee isa gaafatane. Yesuus, “Galma Waaqaa kana diiga'a! Ani guyyaa sad keessatti deebisee hin ijaaraa” jedhee deebise. Yihudooti baallii qabanu, “Galma kana ijaariisaaf woggaa afurtamii jaa fixeera, ati guyyaa sad keessatti deebittee ijaartaa?” jedhanee isa gaafatane. Galmi Waaqaa ka Yesuus dubbate sun nafuma Yesuusii ti. Maarre inni du'aa ka'een duuba, barattooti isaa akka inni tana dubbate qaabatanee, Barreefama Woyyichaa fi waan Yesuus dubbate dhugeeffatane. Yennaa Jila Irra Dabaramaa Yesuus Yerusaalem keessa jiruun, namooti hedduun bilbaasa inni godhe dhagganee isatti dhugeeffatane. Yesuus ammoo namoota maraa waan beekuuf, isaan hin addane. Inni ifiifuu waan gadhaa namaa keessa jiru waan beekuuf, marroo namootaa akka isatti himu nami tokkolle hin barbaachinne. Gosa Fariisaayotaa keessaa sooressi Yihudootaa, ka Niqoodemoos jedhamu tokko jiraayyu. Inni halkan tokko gara Yesuusii dhaqee, “Barsiisa'a, akka ati barsiisaa Waaqa biraa ergame teete beenneera. Yoo Waaqi isa woliin jiraate malee bilbaasa ati hujattu kana eennulle dande'ee hin huju” jedheen. Yesuus, “Ani dhugaa sitti hima; eennulle yoo lammeessoo hin dhalatin mootummaa Waaqaa dhagguu hin dande'u” jedhee deebise. Niqoodemoos, “Nami guddateen duuba attam dhalatuu dande'a? Lammeessoo gadaamessa haadha ifii seenee dhalatuu hin dande'aa?” jedhee Yesuus gaafate. Yesuus deebisee, “Ani dhugaa sitti hima, eennulle bisaanii fi Ayyaana Woyyichaan yoo hin dhalatin, mootummaa Waaqaatitti galuu hin dande'u. Nama foonii irraa ka dhalate foon; ka Ayyaana irraa dhalate ammoo Ayyaana. Waan ani, ‘Lammeessoo dhalatuu qaddan’ si'iin jedheef hin masoonfatin. Bubbeen gara feete bubbitti; ati bubbisiisa isi'ii hin dhageetta, ammoo eessaa akka dhuttu yookiin eessa akka deentu hin beettu. Ayyaana irraa ka dhalate maraayyuu akkasuma” jedhee deebise. Niqoodemoos, “Kun attam te'uu dande'a?” jedhee Yesuus gaafate. Yesuus, “Ati barsiisaa Israa'elii teetee waan kana hin beettuu? Ani dhugaa si'itti hima: Nuuti waan beennu dubbanna; waan dhagginne dhugaa baana; isin ammoo dhugaa bayiisa keenna hin fudhattanu. Yennaa ani marroo waan biyya lafa tanaa isinitti himu yoo hin dhugeeffatin, yennaa ani marroo waan ol-gubba'aa isinitti himu attamiin dhugeeffattan ree? Ilma Namaa ka a ol-gubba'aa gad dhufe malee, ka gara ol-gubba'aa ol baye eennulle hin jiru. Akkuma Muuseen lafa goomole'ee keessatti dhudhuufaa sageettu'uu dongoraa irratti ol fuudhe rarraase, akkkasuma Ilmi Namaalle ol fuudhamee rarraafamuu qaba. Kunille ka isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatuufi. Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne. Biyya lafaa karaa isaatiin akka fayyisuuf malee, akka itti muruuf Waaqi Ilma ifii gara biyya lafaa hin ergine. Ka Ilma isaatitti dhugeeffatutti hin murantu; ka isatti hin dhugeeffanne ammoo, waan inni Ilma Waaqaa tokkochatti hin dhugeeffatiniif, ammummaayyuu itti muranteerti. Muraalleen kunoo tana: Ifi gara biyya lafaa dhufe, namooti ammoo hujiin isaanii hantuu waan teeteef, ifa caalaa dukkana jaalatane. Ka waan hantuu godhu marti ifa jibba; hujiin isaa hantuun akka hin mudhanneef gara ifaa hin dhufu. Ka waan dhuga'aa godhu marti ammoo hujiin inni Waaqaaf ajajamiisaan huje san akka ifi mudhisuuf gara ifaa dhufa. Kanaan duuba Yesuusii fi barattooti isaa gara lafa Yihuda'aa dhaqane; inni isaan woliin diqqoo achi bubbulee, kolbaalle cuuphe. Addee Enon jedhantu ta Saalemitti dhiko'oo, bisaan guddaan waan jiruuf Yohaannis achille'etti cuuphe. Kolbaalle gara isaa dhaqaa cuuphamaa turte. Yennaa san Yohaannis hidhamee hin jiru. Barattooti Yohaannisii gariin marroo aadaa qulqulloomiisaa Yihudicha tokko woliin wol mormiisatti ka'ane. Maarre isaan gara Yohaannisii dhaqanee, “Barsiisa'a, namichi Yordaanoosiin gamatti si woliin jiru, ka ati marroo isaa dhugaa baate, kunoo amma cuuphiisatti jira; nami marti gara isaa dhaqiisatti jira!” jedhanee itti himane. Yohaannis deebisee, “Waaqi yoo kenneef malee, eennulle waan tokkolle hin qabaatu. ‘Ani Kiristoosii moti; ammoo isaan dura ergameeraa’ akka ani jedhe isinuu dhugaa tiyya. Ka waajibittii qabu waajibicha; jaalli waajibichaa, ka isa bira dhaabbatee qoonqoo isaa caqasu ammoo, yennaa qoonqoo waajibichaa dhage'u hin gammada. Gammadi sun kiyya; inni amma muummowe. Inni guddaa te'ee, ani diqqaa te'uu qaba” jedhe. Ka ol-gubba'aa dhufu mara caala. Ka lafa tanaa kama lafa tanaa ti; waan lafaalle dubbata; ka ol-gubba'aa dhufu ammoo mara caala. Inni waan dhaggee fi waan dhage'e dhugaa baya; ammoo dhugaa baya isaa ka fudhatu hin jiru. Nami dhugaa baya isaa fudhate ammoo, Waaqi dhugaammessa akka te'e kanaan mirkaneesse. Waaqi Ayyaana ifii safara male waan kennuuf, ka Waaqi erge dubbii Waaqaa dubbata. Abbaan Ilma jaalata; waan maralle harka isaatitti kenneera. Ka Ilmatti dhugeeffatu mara jiruu bara baraa qaba; ka Ilma Waaqaatiif hin ajajanne ammoo mufii Waaqaa jala jiraata malee, jiruu hin qabaatu” jedhe. Yesuus Yohaannis caalaa barattoota akka dabalatiisatti jiruu fi cuuphiisatti jiru worri Fariisaayotaa dhage'ane. Te'uu malee, ka cuuphe barattoota isaati malee, Yesuusii moti. Maarre Yesuus waan jedhamiisatti jiru yennaa dhage'e, biyya Yihuda'aa lakkisee deebi'ee gara Galiila'aa dhaqe. Inni Yennaa achi dhaqu Samaariyaa keessa dabaruu qabaayyu. Maarre Samaariyaa keessatti inni gara qachaa Siikaar jedhamuu, ka fichaa Yaaqoob ilma ifii Yoseefiif kennetti dhikaatuu tokko dhufe. Boolli bisaanii ta Yaaqoobii achi jirtiiyyu; Yesuus ideemiisaan dadhabee boolla bisaanii bira tee'e. Yennaan sun orraa gara sa'aatii jaati. Dubartiin Samaariya'aa takka bisaan woraabbatiisaaf yennaa dhutte, Yesuus isi'iin, “Bisaan uni'ii naa kenni!” jedheen. Yennaa san barattooti isaa sagalee bitiisaaf gara qacha'aa dhaqaneeran. Dubartiin sun, “Ati nama Yihudi'ii teetee ana dubartii samaariya'aa attam bisaan uni'ii gaafatta?” jetteen. Yihudooti muduunu'uu fi qorii samaariyooti itti sooratanutti hin sooratanu. Yesuus deebisee, “Kennansa Waaqaatii fi ka bisaan uni'ii si gaafatiisatti jiru kun eennu akka te'e adoo beettee jiraattee, atinuu silaa isa gaafattee, inni bisaan jiru'uu si'iif kennaayyu” jedhe. Dubartittiin, “Goottaa kiyya, ati waan ittiin woraabbattu hin qaddu; boollille qile'e; bisaan jiru'uu san eessaa fidda ree? Ati abbaa keenna Yaaqoob ka boolla tana nu'uuf kenne, ka innii fi ijoolleen isaa, horiin isaa maraayyuu keessaa unane, hin caaltaa?” jetteen. Yesuus deebisee, “Bisaan kana ka unu marti deebi'ee hin dheebota; bisaan ani isaaf kennu ka unu ammoo ijjumaa deebi'ee hin dheebotu. Bisaan ani isaaf kennu sun isa keessatti madda jiruu bara baraa burqu te'a” jedhe. Dubartittiin, “Goottaa kiyya, akka ani ijjumaa hin dheebonnee fi bisaan woraabiisaaf akka ani as hin deebine, bisaan kana anaaf kenni” jetteen. Yesuus, “Dhaqiitii, abbaa manaa keeti waamii koyi” jedheen. Dubartittiin, “Ani abbaa manaa hin qabu” jetteen. Yesuus, “ ‘Abbaa manaa hin qabu’ jedhiisi keeti dhuga'a. Ati nama shan heerunteerta; namichi ati amma woliin jirtu abbaa manaa keetii moti. Wonni ati jette dhuga'a” jedheen. Dubartittiin, “Goottaa kiyya, akka ati raagaa teete dhagga. Abbootiin teenna gaara kana irratti Waaqa waaqonfatane; isin ammoo Yihudooti addeen Waaqa itti waaqonfanu Yerusaalem te'uu qaba jettan” jetteen. Yesuus, “Dubartii tana, gaara kana gubba'atti yookiin Yerusaalemitti yennaan kolbaan Abbaa hin waaqonfanne akka dhufaartu na dhugeeffadhu. Isin worri Samaariya'aa waan waaqonfattanu hin beettanu; nuuti ammoo Yihudooti fayyinni Yihudoota keessaa waan dhufuuf, waan waaqonfannu beenna. Yennaan worri dhuga'aan waaqonfatu, Ayyaanaa fi dhuga'aan Abbaa waaqonfattu ammoo hin dhuti; ammummaayyuu dhutteerti. Inni worra akkas dhuga'aan isa waaqonfatanu barbaada. Waaqi Ayyaana; worri isa waaqonfatulle Ayyaana fi dhuga'aan isa waaqonfatuu qaba” jedheen. Dubartittiin isaan, “Masiihiin Kiristoos jedhamu akka dhufu hin beeka; inni yennaa dhufe waan mara nu'utti hima” jetteen. Yesuus deebisee, “Ani ka si woliin dubbatiisatti jiruuyyuu isa” jedheen. Yennuma san barattooti Yesuusii deebi'anee dhufane; Yesuus dubartii woliin dubbatiisatti jiruun dhagganee masoonfatane; ammoo isaan keessaa nami tokkolle, “Maan barbaadde?” yookiin, “Maaf isii woliin dubbatta?” ka jedhe hin jiru. Achiin duuba dubartittiin okkotee ifii ta bisaanii achitti lakkittee, gara qacha'aa deebitee dhaxxee, kolba'aan, “Namicha waan ani godhe mara anatti hime kowa'aatii ilaala'a. Inni Masiihii te'inaa?” jette. Maarre isaan qachaa keessaa bayanee gara Yesuusii yaa'ane. Yennuma san keessatti barattooti, “Barsiisa'a, wo nyaadhu!” jedhanee isa kadhatane. Inni ammoo, “Ani sagalee nyaadhu ta isin hin beenne qaba” jedhe. Maarre barattooti, “Nami woyii sagalee isaa fidee jiraatinaa?” jedhanee wol gagaafatane. Yesuus isaaniin, “Sagaleen tiyya, fedhii ka ana ergee godhu'uu fi hujii isaa muummessu'u. Isin, ‘Ji'a afuritti hafeera; achiin duuba haammaan hin geetti’ jettanii motii? Ani ammoo isinitti hima; me fichaa keessan miidhassa'aa ilaala'a; ammummaayyuu midhaan bilchaatee haamma'aaf geyeera! Worri haamu ammumaayyuu gatii fudhatiisatti jira; midhaalle jiruu bara baraatiif wolitti qabiisatti jira; kunille ka facaasuu fi ka haamu akka woliin gammaduuf te'a. Maarre mammaassi, ‘Tokko hin facaasa, kuun hin haama’ jedhu dhuga'a. Ani waan hin elowin akka haammattanu isin erge; worri dhibiin elowee, isin eloo isaanii irraa bu'aa dhaggattane” isaaniin jedhe. Dubartittiin, “Waan ani godhe mara anatti hime” jettee waan dhugaa baateef worri Samaariya'aa ka qachaa san keessaa hedduun isatti dhugeeffatane. Maarre worri samaariya'aa yennaa gara isaa dhufane, isaan woliin akka turuuf isa kadhatanee, Yesuus guyyaa lamaan isaan woliin achi ture. Sababa dubbii isaatiif namooti hedduun dhibiille dhugeeffatane; isaan dubartitti'iin, “Yoona nuuti wonni dhugeeffannuuf, waan ati jette calla'aaf adoo hin te'in, nuutinuu isa dhageenneera; inni dhugumaan fayyisaa biyya lafaa akka te'e beenneerra” jedhane. Guyyaa lamaan duuba, Yesuus ka'ee gara Galiila'aa dhaqe. Inninuu, “Raagaan tokko biyya ifiititti hin ulfaatu” jedheera. Worri Galiila'aa Jila Irra Dabaramaatiif gara Yerusaalemii dhaqaneeranuun, yennaa jilaa sanitti waan inni godhe mara waan dhagganeeranuuf, yennaa inni Galiilaa geye isa fudhatane. Achiin duuba Yesuus, addee bisaan gara daadhii woyni'ii itti jijjiire, gara qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa keessaa, deebi'ee dhaqe. Qondaalli mootumma'aa ka Qifirnaahoomitti ilmi isaa dhibameeru tokko achi jiraayyu. Yesuus Yihudaa irraa gara Galiila'aa akka dhufeeru yennaa dhage'e, gara isaa dhaqee akka inni Qifirnaahoom deemee, ilma isaa ka dhibamee du'iisa gayeeru fayyisuuf isa kadhate. Yesuus isaan, “Isin bilbaasaa fi baasa dhaggittanu malee ijjumaa hin dhugeeffattanu” jedheen. Qondaaltichi mootumma'aalle, “Goottaa kiyya, ilmi kiyya adoo hin du'in maganne'ee koyi!” jedheen. Yesuus isaan, “Gali; ilmi keeti hin jiraata!” jedheen. Namichille dubbii Yesuus dubbate dhugeeffatee deeme. Adoo inni galiisatti jiruu, tajaajiltooti isaa karaa irratti dhagganee, ilmi isaa akka jiru itti himane. Inni sa'aatii mucaan isaa itti goome isaan gaafatee jennaan, isaan, “Kalee sa'aatii torbatti dhibeen nafa o'ittu sun isa lakkitte” jedhanee deebisane. Achiin duuba abbaan muca'aa sa'aatii Yesuus, “Ilmi keeti hin jiraata” jedhetti akka teete hubate. Tanaaf innii fi maatiin isaa maraa dhugeeffatane. Bilbaasi kun ka Yesuus Yihudaa irraa gara Galiila'aa deebi'ee dhufee, lammeessoo huje. Kanaan duuba, Yesuus jila worra Yihudootaatiif gara Yerusaalemii dhaqe. Yerusaalem keessa karra hoolotaa bira haroon seensuma gaaddisa qabu shan qaddu takka jirtiiyyu; afaan Hibrootaatiin “Betzataa” jedhanti. Kolbaan hedduun dhibanteertu, ballooleen, naafole'ee fi worri nafa laashowe seensuma gaaddisa qabu san keessa irkatanee [tacho'iisa bisaanii eegatiisaatti jiraniiyyu. Ergamaan Waaqaa yennaa tokko tokko haroo keessa gad bu'ee bisaan tachoosa. Bisaan tacho'eeruun duuba nami dhibamaan dursee haroo keessa gad bu'e, dhukkuba isa qabeeru mara irraa hin fayyaayyu.] Namichi woggaa soddomii saddeeti dhibamaa tureeru tokko achi jiraayyu. Yesuus isaa achi irkatiisatti jiru dhaggee, yennaa hedduu akka inni akkas dhibamaa ture beekee, “Fayyuu barbaaddaa?” jedhee isa gaafate. Namichi dhibamaan sun, “Gootta'a, bisaan yennaa tacho'u nama haroo keessa na buusu hin qabu; adoo ani seeniisaaf wodhaanuu, nami dhibiin anaan dura seena” jedhee deebise. Yesuus, “Ka'i, itillee teeti fudhadhuu, deemi” jedheen. Namichi yoosuma fayyee, itillee ifiille fudhatee deeme. Guyyaan wonni sun teete sanbata. Maarre Yihudooti, namicha fayye saniin, “Adhi sanbata; itillee teeti ba'atiisa seerri keenna si dhoogga” jedhane. Inni deebisee, “Namicha na fayyisetti, ‘Itillee teeti fudhadhuu deemi!’ anaan jedhe” isaaniin jedhe. Isaan, “Namichi, ‘Itillee teeti fudhadhuu deemi!’ siin jedhe eennu inni?” jedhanee isa gaafatane. Gumiin addee sanitti waan heddatteertuu fi Yesuusille achii waan deemeeruuf, namichi fayye sun Yesuus eennu akka te'e hin beenne. Achiin duuba Yesuus Galma Waaqaa keessatti isa dhaggee, “Kunoo, amma fayyiteerta; maarre wonni kana caalu akka sitti hin dhunne, haganaa achi cubbuu hin hujin” jedheen. Achiin duuba namichi deemee, ka isa fayyise Yesuus akka te'e, Yihudootatti hime. Maarre sababa Yesuus sanbataan fayyiseef, Yihudooti isa miidhiisa jalqabane. Yesuus, “Abbaan kiyya yennaa mara hujiisatti jira; anille hujuu qaba” isaaniin jedhe. Yesuus seera sanbataa balleessuu qofaa adoo hin te'in, Waaqi abbaa kiyya jedhee Waaqaan waan ifi qixxeesseef, Yihudooti isa ijjeesiisaaf jabeessane barbaadane. Maarre Yesuus deebisee, “Ani dhugaa isinitti hima, Ilmi ifuma ifiitiin womaa godhuu hin dande'u; inni woma Abbaan isaa godhuun dhagge qofaa godha. Woma Abbaan godhu, Ilmille godha. Abbaan Ilma waan jaalatuuf, waan ifii godhu mara isatti hin mudhisa. Akka isin masoonfattanuuf, waan kana caaluuyyuu isatti hin mudhisa. Akkuma Abbaan worra du'ane kaasee jiruu isaanii kennu, akkasuma Ilmille ka ifii fedheef jiruu kenna. Abbaan eennulle'etti hin muru, ammoo akka muruuf baallii guutuu Ilmaaf kenneera; Nami martinuu akkuma abbaa ulfeessu Ilmalle akka ulfeessuuf inni tana godhe. Ka Ilma hin ulfeessine martinuu, Abbaa isa ergelle hin ulfeessu. Ani dhugaa isinitti hima; nami jecha kiyya dhage'u ka ana ergele'etti ka dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba; inni du'a irraa gara jiruu tareera; isatti hin murantu. Ani dhugaa isinitti hima, yennaan worri du'ane qoonqoo Ilma Waaqaa dhage'anu dhufaarti; ammumaayyuu dhutteerti; worri isii dhage'u jiru'uun le'a. Akkuma Abbaan madda jiru'uu te'e, Ilma ifiille madda jiru'uu akka te'u godheera. Inni Ilma Namaa waan te'eef, muraa akka kennu, Abbaan baallii isaaf kenneera. Waan kana hin masoonfatina'a; yennaan worri du'e marti qooqoo isaa dhage'u hin dhutti; awwaala ifii keessaalle'ee hin bayan; worri dansaa hujeeru jiruu dhaggatatiisaaf ka'an; worri hantuu hujeeru akka itti murantuuf ka'an. “Ani baallii tiyyaan womaa godhuu hin dande'u. Akkuma Abbaa kiyya irraa dhage'e mura; waan ka na erge fedhu qofa malee, waan ifii fedhu waan hin gooneef, muraan tiyya dhuga'a. “Ani yoo waan kiyya dhugaa baye, dhugaa bayiisi kiyya akka dhuga'aatitti hin fudhatamu. Ammoo ka anaaf dhugaa bayu ka dhiibiin hin jira, wonni inni marroo tiyyaaf dhugaa baye sun dhugaa akka teete ani hin beeka. Isin ergantoota teessan gara Yohaanniisii ergitane; inni dhuga'aaf dhugaa baye. Akka isin fayyitanu tana jedhe malee, ani dhugaa bayiisa namaa hin fudhadhu. Yohaannis akka xassaa bobe'ee ifuu ti; isin yenna'aaf ifa isaatitti gammadu'uuf barbaaddane. Ani ammoo dhugaa baya Yohaannisiituu caalaa dhugaa baya qaba; hujiin akka ani muummessuuf Abbaan kiyya anaa kennee, hujiisatti jiru tun, akka Abbaan kiyya na erge dhugaa baati. Abbaan kiyya ka ana ergeeyyuu dhugaa anaaf bayeera. Isin ijjumaa qooqoo isaa hin dhageenne yookiin fuula isaa ijjumaa hin dhaggine; ka inni ergetti waan hin dhugeeffatiniif, jecha isaa gadhaa keessanitti hin qabanne. Isin Baarreeffama Woyyootaan waan jiruu bara baraa dhaggattanu seetanee, Barreeffama Woyyoota qorqortan. Barreeffam Woyyooti kunuu marroo tiyya dhugaa bayan! Isin ammoo jiruu dhaggatiisaaf gara kiyya dhufiisa hin feetanu! “Ani ulfinna nama irraa hin barbaadu. Ammoo akka isin jaalala Waaqaa hin qanne ani hin beeka. Ani maqaa Abbaa kiyyaatiin dhufee, isin ammoo ana hin fudhanne; nami dhibiin yoo maqaa ifiitiin dhufe, isin ammoo isa hin fudhattan. Isin ulfinna wolii irraa dhaggatuu ka barbaaddanu, ulfinna Waaqa tokkocha irraa dhufu ammoo ka hin barbaanne, attam anatti dhugeeffatiisa dandeettan ree? Ani Abbaa kiyya duratti waan isin himadhu hin seyna'a. Muusee isin addii itti godhattanettuu isin himata. Adoo Muuse'etti dhugeeffattanee jiraattane, inni waan marroo tiyyaaf baarreeseef anatti hin dhugeeffattaniiyyu. Ammoo waan inni barreesse yoo hin dhugeeffatin, waan ani jedhu attam dhugeeffatuu dandeettan? Achiin duuba Yesuus gara Abbaayaa Galiila'aa ta Xiberiyaas jedhantuun gamatti bu'e. Gumiin hedduun baasa inni worra dhibamaa fayyisiisaan tolche waan dhaggitteef isa hordotte. Yesuus gara gaara tokkoo ol bayee, barattoota ifii woliin tee'e. Yennaa san Jilti Irra Dabaramaa ta Yihudootaa dhikaarteertiiyyu. Yesuus adaala ifii ilaalee, gumiin hedduun gara isaa dhufiisatti jirtuun dhaggee, Filiphoosiin, “Sagalee kolbaan tun nyaattu eessaa binna?” jedhe. Inni waan Filiphoos jedhu ilaaliisaaf tana jedhe malee, maan akka godhu hin beekaayyu. Filiphoos, “Dabboon mindaa ji'a saddeetiille diqquma diqqoolle'een isaan mara hin geettu. Barattoota isaa keessaa, Indiryaasiin obboleessi Simoon Pheexroosii, “Mucaan tokko ka daabboo garbu'uu xaltaa shanii fi qurxummii lama qabu as jira. Tun ammoo kolbaa tana maraaf hin geettu” jedheen. Yesuus isaaniin, “Kolbaa teessisa'a” jedhe. Marra gudda'atti achi jiraayyu; maarre dhiirti gara kuma shanii gad teteette. Yesuus xaltaa fuudhee, Waaqa galatoonfatee, kolbaa achi tee'iisatti jirtuuf haga isaan barbaadane qoode; qurxummiille akkasuma tolche. Isaan mara yennaa quufane, inni barattoota ifiitiin, “Hanbaa hatte irraa wonni tokkolle akka hin banne wolitti qaba'a” jedhe. Maarre isaan xaltaa daabboo garbu'uu shanan kolbaan nyaatteertuun, hanbaa hatte wolitti qabanee kolonjoo kudhanii lama guutane. Kolbaan yennaa bilbaasa Yesuus huje kana dhaggite, “Kun dhugumaan raagicha gara biyya lafaa dhufu'uu jiruuyyu!” jette. Yesuus akka isaan hunnaan isa qabanee, mootii isa godhachu'uuf dhuffaaranu beekee, qofii ifii ammalle gara gaaraa deeme. Yennaa latti galgalootte, barattooti Yesuusii gara abbaaya'aa gad bu'anee, hoboloo takka seenanee, abbaaya'aan gama gara Qifrinaahomii bu'iisaaf ka'ane. Latti dukkanoottelle'een Yesuus gara isaanii hin dhunne. Bubbeen waan bubbisiisatti jirtuuf bisaan raafame. Haga kiiloomeetrii shanii yookiin jaa shaffisa'aan laaqaneeranuun, Yesuus bisaan gubbaa ideemaa, gara hobolo'oo dhufee dhikaatiisatti jiruun dhagganee bararaqane. Yesuus ammoo, “Wonni anaa, hin bararaqina'a!” isaaniin jedhe. Achiin duuba isaan gara hobolo'oo isa fudhatiisa barbaadane; hoboloon ammoo yoosuma lafa dhaqiisatti jiranu geette. Guyyaa lammeesso'oo kolbaan abbaayya'aan gamatti hatte, hoboloon takkattiin callaan akka achi jirtu hubatte. Yesuus barattoota ifii woliin hobolo'oon akka hin deemin, barattooti ammoo qofuu akka deemaneeranu kolbaan sun beette. Hobolooti dhibiin, Xiberiyaasi irraa, gara lafa addee Goottaan galata galcheeruun, kolbaan daabboo itti nyaatteen dhikaattuu dhufane. Kolbaan, Yesuusii fi barattooti isaa akka achi hin jirre yennaa dhaggite, hoboloota san seentee Yesuus barbaadiisaaf, gara Qifirnaahoomii dhaxxe. Kolbaan abbaaya'aan gamatti yennaa Yesuus dhaggite, “Barsiisa'a, yoom as dhutte?” jetteen. Yesuus deebisee, “Ani dhuguma isinitti hima; isin waan sagalee nyaattanee quuttaneef ana barbaadiisatti jirtan malee, bilbaasa kiyya waan dhaggitaneefii moti. Sagalee badduuf hin hujina'a; sagalee jiruu bara baraatiif jiraattuuf ammoo huja'a. Waaqi Abbaan, chaappaa ifii ka ittiin mirkaneessu waan isa irratti godheeruuf, Ilmi Namaa sagalee san isiiniif hin kenna. Maarre isaan, “Hujii Waaqi akka hunyuuf barbaadu hujiisaaf maan goona?” jedhaneen. Yesuus deebisee, “Wonni akka isin gootanu Waaqi barbaadu, ka inni ergetti dhugeeffatiisa” jedhe. Isaan, “Akka dhagginee si'itti dhugeeffanu bilbaasa maan goota? Maan hujja? Akkuma Barreeffam Woyyichi, ‘Inni sagalee ol-gubbaa irraa akka nyaatanu isaaniif kenne’ jedhu, Abbootiin teenna lafa goomole'ee keessatti sagalee mannaa jedhantu nyaatte” jedhaneen. Yesuus, “Ani dhuguma isinitti hima; ka sagalee ol-gubbaa irraa isiniif kenne Muuse'ee moti; ka sagalee dhuga'aa ol-gubbaa irraa isiniif kennu Abbaa kiyya. Sagaleen Waaqi kennu sun, ka ol-gubbaa irraa gad dhufee, jiruu biyya lafaatiif kennu” jedheen. Isaan, “Gootta'a, sagalee tana yennaa mara nu'uuf keenni” jedhaneen. Yesuus isaaniin, “Sagaleen jiru'uu ana; ka gara kiyya dhufu ijjumaa hin beelotu; ka anatti dhugeeffatu ijjumaa hin dheebotu. Akkuma ani isinitti hime, isin ana dhaggitaneertan; ammoo hin dhugeeffane. Ka Abbaan kiyya anaaf kennu mara gara kiyya hin dhufa. Ka gara kiyya dhufu ani ijjumaa ifi irraa hin ari'u. Wonni ani ol-gubbaa irraa gad dhufeef, fedha ka ana ergee godhiisaaf malee, fedha kiyya godhiisaafii moti. Fedhiin ka ana ergee, worri inni anaaf kenne mara guyyaa muumme'ee akka jiru'uuf isaan kaasu malee, isaan keessaa tokkolle akka ani balleessuufii moti. Fedhiin Abbaa kiyyaa, nami Ilma isaa dhaggee itti dhugeeffatu mara jiruu barabaraa akka qabaatu. Anille guyyaa muumme'ee jiruu'uuf isa kaasa. Worri Yihudootaa waan inni, “Sagaleen ol-gubbaa irraa gad dhutte ana” jedheef itti gungumiisatti ka'ane. Maarre isaan, “Namichi kun Yesuusii ilma Yoseefiitii moti? Abba'aa fi haadha isaa hin beenna. Amma inni attamiin, ‘Ol-gubba'aa gad bu'e’ jedha ree?”’ jedhane. Yesuus deebisee, “Wolitti gungumiisa lakkisa'a. Abbaan ana erge yoo isa harkise malee, eennulle gara kiyya dhufiisa hin dande'u; anille guyyaa muumme'ee du'aa isa hin kaasa. Raagoleen, ‘Nami martinuu ka Waaqi barsiise hin te'a’ jedhanee barreessaneeran. Ka Abbaa dhage'uu fi ka isa irraa baratu marti gara kiyya dhufa. Ka Waaqa biraa dhufe qofattuu Abbaa dhaggeera male, nami tokkolle Abbaa dhaggee hin jiru. Ani dhugaa isinitti hima; nami dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba. Sagaleen jiru'uu ana. Abbootiin teessan lafa goomole'ee keessatti sagalee mannaa jedhantu nyaatte; te'uu male duute. Sagaleen nami akka hin duuneef akka nyaatu, ol-gubbaa irraa gad buutu ammoo tana. Sagaleen jiraattuun ol-gubbaa irraa gad buute ana. Eennulle yoo sagalee tana nyaate, haga bara baraa hin jiraata. Sagaleen akka biyya lafaatiif jiruu teetuuf, ani kennu tun, foon kiyya” isaaniin jedhe. Yihudooti, “Namichi kun attam foon isaa akka nyaannu nu'uu kenniisa dande'a?” jedhanee wol mormiisatti ka'ane. Yesuus isaaniin, “Ani dhuguma isinitti hima: isin yoo foon Ilma Namaa hin nyaatin, dhiiga isaalle yoo hin unin, jiruu ifi keessaa hin qaddanu. Nami foon kiyya nyaatuu fi dhiiga kiyya unu jiruu bara baraa qaba; Ani guyyaa muumme'ee du'a keessaa isa hin kaasa. Foon kiyya sagalee dhuga'aa ti; dhiigi kiyyalle unii dhuga'aa ti. Ka foon kiyya nyaatuu fi dhiiga kiyya unu anaan jiraata; Anille isaan jiraadha. Abbaan jiraataan akkuma na erge, Anille sababa Abba'aa akkuma jiraadhu, nami na nyaatulle sababa kiyya hin jiraata. Sagaleen ol-gubba'aa gad buute sun tana ree; isiin ta akka abbootiin teessan nyaattee, ammoo achiin duuba duuteetii moti. Sagalee tana ka nyaatu haga bara baraa hin jiraata” jedhe. Yesuus Qifirnaahoomitti Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti yennaa barsiisiisatti jiru tana dubbate. Barattooti isaa hedduun kana dhage'anee, “Barsiisi kun guddoo jabaata. Eennutti isa fudhatiisa dande'a?” jedhane. Yesuus akka barattooti marroo waan kanaa gungumiisatti jiranu beekee, “Wonni kun isin gufachiisaa? Ilmi Namaa addee dur jirutti deebi'ee ol bayiisatti jiruun yoo dhaggitane maan jettan ree? Ayyaaanni Waaqaa jiruu kenna; hunni namaa womaa bu'aa hin qaddu. Jechi ani isinitti dubbadhe Ayyaana Waaqaa ti; jiruulle'e. Ammoo isin keessaa worri hin dhugeeffanne gariin jiran” isaaniin jedhe. Yesuus ka isa hin dhugeeffannee fi ka isa dabarsee kennu eennu akka te'e duruu beekeera. Yesuus ede'ee, “Ani waan kanaaf ka Abbaan kiyya akka gara kiyya dhufu godhe malee, eennulle gara kiyya dhufiisa hin dande'u isiniin jedhe” jedhe. Waan kanaaf, barattoota isaa keessaa hedduun gara duubaa deebi'ane; eega san isa woliin hin deenne. Maarre Yesuus barattoota kudhanii lamaaniin, “Isinille deemuu barbaaddanii” jedhee gaafate. Simoon Pheexroos, “Gootta'a, gara eennuu deenna? Ati Jecha jiruu bara baraa kennu qadda. Ati Woyyicha Tokkocha Waaqaa akka teete dhugeeffanneerra; beenneerralle'e” jedhaneen. Yesuus deebisee, “Isin kudhanii lamaan ka file anaa motii? Te'uu malee isin keessaa tokko Seexana” jedhe. Inni marroo Yihudaa ilma Simoonii nama biyya keriyootii, ka barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko te'ulle, isa dabarsee kennaaruu dubbate. Kanaan duuba, Yihudooti baallii qabanu lafa Yihuuda'aa keessa jiranu, isa ijjeesiisaaf waan barbaadaneef, Yesuus Galiila keessa deddeebi'e malee, Yihudaa keessa deddeebi'uu hin barbaanne. Jilti Yihudootaa ta jila Gose'ee jedhantu dhikaarteertuun, obboleeyyan Yesuusii isaan, “Barattooti teeti hujii ati hujiisatti jirtu akka dhagganu, addee tana lakkisii gara lafa Yihuda'aa deemi. Eennulle guddoo beekkamuu yoo barbaade, waan hujatiisatti jiru hin dhossu. Ati hujii tana eega hujjee, biyya lafaatitti ifi mudhisi” jedhaneen. Obboleeyyan isaatuu isatti hin dhugeeffane. Yesuus isaaniin, “Yennaan tiyya ta anaaf teetu ammalle hin geenne. Yennaan martinuu isiniif ta teetu. Biyyi lafaa isin jibbiisa hin dandeettu; ani ammoo hujiin isi'ii badduu akka teete waan himiisatti jiruuf na jibbiti. Isin gara jilaa dhaqa'a. Yennaan anaaf teetu waan hin geyiniif, ani gara jila tanaa hin dhaqu” jedhe. Inni tana jedheen duuba lafa Galiila'aatitti hafe. Obboleeyyan isaa gara jilaa deemaneeranuun duuba, Yesuusille mudhi'iin adoo hin te'in dhokaataan dhaqe. Jila irratti Yihudooti baallii qabanu isa barbaadanee, “Inni eessa jira?” jedhanee gaafatane. Gumii keessatti marroo isaa guddoo hasaasane. Worri gariin, “Inni nama dansa'a” jedhe. Worri dhibiin, “Waawwo'o, inni kolbaa dokonkorsiisatti jira” jedhe. Ammoo Yihudoota baallii qabanu waan sodaataneef, eennulle marroo isaa mudhi'iin hin dubbane. Jilti wodhakkaa geetteertuun, Yesuus gara Galma Waaqaa dhaqee barsiisuu jalqabe. Yihudooti baallii qabanu guddoo maalalanee, “Namichi kun adoo hin baratin attam akka malee wo beeka?” jedhane. Yesuus deebisee, “Wonni ani barsiisu ka ana erge biraa dhutte malee, barsiisa kiyyaa moti. Nami fedhii Waaqaa godhiisa barbaadu marti, wonni ani barsiisu Waaqa irraa akka dhutte yookiin anummaan ifi keessaa fuudhee akka dubbadhu hin beeka. Nami ifi keessaa fuudhee dubbatu, ulfinna ifii waan barbaaduuf tana godha. Nami ulfinna ka isa ergeetiif huju ammoo dhugaamessa; dharti takkaalle isa keessa hin jirtu. Muuseen seera isinii kenneeraa motii? Isin keessaa tokkolle ammoo ka seera eegu hin jiru. Isin maaf ana ijjeesiisaaf barbaaddan?” jedhe. Gumiin deebittee, “Ati durriisa ifi keessaa qadda! Eentu si ijjeesiisaaf barbaadiisatti jira?” jetteen. Yesuus, “Ani baasa tokko hujee jennaan, isin maraayyuu maalalfattane. Muuseen akka isin ilmaan teessan haqanqabaa qaddanu isin ajaje; haqanqabaa kana ka jalqabe Muusee adoo hin te'in abbootii teessan teetulle, isin Sanbatalle'een ilma haqanqabaa qaddan. Seerri Muuse'ee akka hin banneef, guyyaa Sanbataatiin ilma tokko haqanqabaa yoo ka qabanu te'e, maaf guyyaa Sanbataatiin ani nama tokko guutuma guutu'utti waan fayyiseef anatti aartan? Muraa dhuga'aa mura'a malee, fuula ilaaltanee muruu lakkisa'a” jedhe. Kolbaan Yerusaalemii gariin, “Namichi kun ka isaan ijjeesiisaaf barbaadanuu motii? Ilaala'a! Inni badhinumatti dubbatiisatti jira; isaan isa mormanee womaa hin jenne! Worri baallii qabu akka inni Masiihii te'e dhugumaan beekanee jiraatanuu? Yennaa Masiihiin dhufu, inni eessaa akka dhufu eennulle hin beeku. Namichi kun ammoo eessaa akka dhufe hin beenna” jedhane. Yesuus adoo Galma Waaqaa keessatti barsiisuu qoonqoo ol qabatee, “Isin ana hin beettan; eessaa akka dhufelle hin beettan. Ani baalluma tiyyaan hin dhunne. Te'uu malee, ka ana erge dhugaamessa. Isin isa hin beettanu; ani ammoo isa biraa waan dhufee fi inni waan ana ergeef isa hin beeka” jedhe. Achiin duuba isaan isa qabiisaaf barbaadane; ammoo yennaan isaa waan hin geyiniif eennulle harkaan isa hin tundhe. Gumii san keessaa hedduun isatti dhugeeffatanee, “Masiihiin yennaa dhufu, bilbaasa namichi kun godhe caalaa inni bilbaasa hin godhaa laati?” jedhane. Fariisaayoti gumiin waan kana marroo Yesuusii hasaasanuun dhageettee, moototi hayyootaatii fi Fariisaayoti Yesuus qabiisaaf eedduu Galma Waaqaa itti ergane. Yesuus, “Ani yennaa gabaadduu calla'aaf isin woliin jiraadhee, achiin duuba gara ka na ergee hin deema. Isin ana hin barbaaddan; ammoo ana hin dhaggittanu; addee ani jirulle, isin dhufuu hin dandeettanu” jedhe. Yihudooti baallii qabanu, “Addee nuuti isa hin dhaggine inni eessa dhaqaara? Inni addee kolbaan teenna leetu gara qachoota Giriiki'ii dhaqee, Giriikoota barsiisiisaafii? ‘Isin ana hin barbaaddan; ammoo ana hin dhaggittanu; addee ani jirulle, isin dhufuu hin dandeettanu’ jechuun maan jechuu isaa ti?” jedhane. Guyyaa muummeffata jilaa, guyyaa guddaa Yesuus ol ka'ee qoonqoo guddo'oon, “Nami dheebote yoo jiraate gara kiyya dhufee unuu ti. Akkuma barrreeffam Woyyichi jedhe, ‘Ka anatti dhugeeffatu, maddi bisaan jiru'uu isa keessaa burqa’ ” jedhe. Yesuus marroo Ayyaana Woyyicha worri isatti dhugeeffatu fudhatuutiif tana jedhe; Yesuus gara ulfinnaa ol waan hin fudhataminiif, yennaa san Ayyaanni Woyyichi kennamee hin jiru. Gumii san keessaa namooti gariin jecha isaa kana dhage'anee, “Namichi kun dhugumaan raagicha” jedhane. Worri dhibiin, “Inni Masiihi” jedhane. Worri dhibiin ammoo, “Masiihiin Galiilaa irraa hin dhufaa? Barreeffam Woyyichi, Masiihiin sanyii mooticha Daawwitii keessaa, qachaa Daawwiti le'e, Beeteeleem keessatti dhalata jedhaa motii?” jedhane. Maarre sababa Yesuusiitiif gumiin gargar qoodante. Worri gariin isa qabiisaaf barbaade, ammoo eennulle isa harkaan hin tundhe. Eedduun Galma Waaqaa gara mootota hayyootaatii fi Fariisaayota yennaa deebi'anee dhaqane, “Isin maaf isa fidiisa dhaddane?” jedhanee eedduu Galma Waaqaa gaafatane. Eedduun Galma Waaqaa, “Akka namichi kun dubbate eennulle ijjumaa dubbattee hi beeku” jedhanee deebisane. Worri Fariisaayotaa, “Isinille sobantanee? Worra baallii qabu yookiin Fariisaayota keessaa nami isatti dhugeeffateeru jiraa? Gumiin seera Muuse'ee hin beenne tun, abaarsa Waaqaa jala jirti!” jedhaneen. Namichi duraan gara Yesuusii dhaqeeru, ka Fariisaayota keessaa tokko te'e Niqoodemos, “Akka seera keennaatitti nama tokko dhage'anee waan inni godheeru adoo hin dhaggin itti muruun hin dande'amaa?” jedhee gaafate. Isaan, “Atille nama Galiila'aatii? Barreeffama Woyyicha qorqorii ilaali; raagaan Galiilaa keessaa akka ijjumaa hin kaane hin dhaggita” jedhaneen. [ Achiin duuba marti isaaniituu gara mana ifii deemane. Yesuus ammoo gara gaara Ejersaa deeme. Boruyyaa ganama inni gara Galma Waaqaa deebi'e. Kolbaan marti isa biratti wolitti qabantee, inni gad tee'ee isaan barsiisuu jalqabe. Barsiisoti Seeraatii fi Fariisaayoti dubartii gaarayyeeffata irratti qabante takka ol seensisanee, fuula isaan maraa dura dhaabbachiisanee, Yesuusiin, “Barsiisa'a, dubartiin tun gaarayyeeffata irratti qabanteerti. Muuseen Seera keessatti dubartiin akkasii tun dhaka'aan tumantee akka duutu ajajeera. Ati amma maan jetta?” jedhane. Isaan sababa ittiin isa himatanu dhaggatiisaaf, Yesuus xaqariisaas tana jedhane. Inni ammoo gad jedhee qubaan lafa irratti barreessuu jalqabe. Isaan ittuma deddeebi'anee gaafannaan, inni ol jedhee isaaniin, “Isin keessaa ka cubbuu hin qanne, dursee dhakaa isi'itti qolaansuuti” jedhe. Achiin duuba inni ammalle gad jedhee lafa irratti barreesse. Isaan yennaa tana dhage'ane, jarsole'een jalqabanee, tokko tokkoon, isaan martinuu bayanee deemane. Yesuus dubartittii achi dhaabbatiisatti jirtu woliin qofuu hafe. Inni ol jedhee isi'iin, “Dubartii tana, meeti isaan? Nami sitti mure tokkolle hin jiruu?” jedhe. Isiin deebittee, “Gootta'a, nami tokkolle hin jiru” jette. Yesuus, “Anille si'itti hin muru. Deemi; ammoo deebitee cubbuu hin hujin” jedhe.] Yesuus ammalle isaaniin, “Ani ifa biyya lafaa ti; ka ana hordofu marti ifa jiru'uu hin qabaata malee, ijjumaa dukkana keessa hin ideemu” jedhee dubbate. Worri Fariisaayotaa, “Ati amma ifii keetiif dhugaa bayiisatti jirta; dhugaa bayiisi keeti fudhatama hin qabu” jedhaneen. Yesuus deebisee, “Ani ifii kiyyaaf yoo dhugaa bayeelle, ani eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu waan beekuuf, dhugaa bayi kiyya dhuga'a. Isin ammoo eessaa akka ani dhufe yookiin eessa akka ani deemu hin beettanu. Isin yaada namumma'aatiin murtan; ani nama tokko irralle'etti hin muru. Ani ammoo yoo murelle, ka ana erge Abbaan ana woliin jira; qofii tiyya waan hin murreef, muraan tiyya dhuga'a. Dhugaa bayi nama lamaa, fudhatama qaba jedhantee Seera keessan keessatti barreeffanteerti. Ani ifii kiyyaaf dhugaa baya; Abbaan ana ergelle anaaf dhugaa baya” isaaniin jedhe. Achiin duubaa isaan, “Abbaan keeti eessa jira?” jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, “Isin analle, Abbaa kiyyaalle hin beettanu; adoo ana beettanee Abbaa kiyyaalle hin beettaniiyyu” isaaniin jedhe. Yesuus Galma Waaqaa keessatti, addee subbi kennansaa keyamuun biratti adoo barsiisuu jecha kana mara dubbate. Te'uu malee yennaan isaa waan hin geyiniif eennulle isa hin qanne. Yesuus ede'eelle, “Ani hin deema; isin ana hin barbaaddan; ammoo cubbuu teessaniin hin duutan. Addee ani dhaqu isin dhaqiisa hin dandeettanu” isaaniin jedhe. Maarre Yihudooti, “Inni ‘Addee ani dhaqu isin dhaqiisa hin dandeettanu’ jedha. Wonni akkana jedhuuf inni ifi ijjeesaaraa laati?” jedhane. Yesuus deebisee, “Isin worra jalaa ti; ani ammoo ka gubba'aa ti. Isin ka biyya lafa tanaa ti; ani ammoo ka biyya lafaatii moti. Ani ‘Ana’ akka te'e beettanee yoo hin dhugeeffatin, cubbuu teessaniin waan duutanuuf, isin cubbuu teessaniin hin duutan jedhe” jedheen. Isaan, “Ati eennu?” jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, “Kama ani jalqaba irraa kaasee isinitti hime. Ani marroo teessan waan jedhuu fi waan isinitti muru hedduu qaba. Teetuu malee, ka ana erge dhugaamessa; anille waan isa irraa dhage'e qofa biyya lafaatitti dubbadha” jedhe. Isaan marroo Abba'aa akka Yesuus isaanitti dubbatiisatti jiru hin hubanne. Maarre inni isaaniin, “Isin yennaa Ilma Namaa muka irratti ol fuutane, ani eennu akka te'e hin beettan; achiin duuba baallii tiyyaan womaa akka ani hin goone hin beettan; ammoo waan Abbaan akka ani jedhu ana barsiise qofaa jedha. Ka ana erge ana woliin jira; ani yennaa mara waan isa gammachiisu waan hujuuf, inni qofii tiyya ana hin lakkinne” jedhe. Akkuma Yesuus tana dubbateen worri hedduun isatti dhugeeffate. Maarre Yesuus Yihudoota worra isatti dhugeeffateen, “Isin barsiisa kiyyaaf yoo ajajantane, dhugumaan barattoota tiyya; isin dhugaa hin beettan; dhugaalle bilisa isin hin baatti” jedhe. Isaan deebisanee, “Nuuti sanyii Abrahaamii ti; ijjumaa eennulle'eef garboolee teenee hin beennu. Ati, ‘Bilisa baatan’ jechuun keeti maan jechu'u ree?” jedhane. Yesuus deebisee, “Ani dhugaa isinitti hima; ka cubbuu huju martinuu garbicha cubbu'uu ti. Garbichi yennaa mara maatii goottaa ifii woliin hin le'u; ilmi ammoo yennaa mara maatii san woliin le'a. Ilmi yoo bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa hin baatan. Akka isin sanyii Abrahaamii teetane ani hin beeka. Te'uu malee isin jecha kiyya waan hin fudhatiniif, ana ijjeesiisaaf barbaaddan. Ani waan Abbaa kiyya biratti dhagge dubbadha; isin ammoo waan abbaa keessan irraa dhageettane gootan” jedhe. Isaan deebisanee, “Abbaan keenna Abrahaam” jedhaneen. Yesuus deebisee, “Isin dhugumaan ijoollee Abrahaamii adoo teetanee, hujii Abrahaam huje hin hujjaniiyyu. Isin ana nama dhugaa Waaqa irraa dhage'ee isinitti hime ijjeesiisaaf barbaaddan. Abrahaam waan akkanaa hin goone. Isin waan abbaan keessan huju hujatiisatti jirtan” jedhe. Isaan deebisanee, “Nuuti ijoollee abbeera'aatii moti; Abbaan nuuti qannu Waaqa tokkocha qofa” jedhane. Yesuus isaaniin, “Waaqi dhugumaan Abbaa keessan adoo te'e, ani waan Waaqa biraa dhufee amma as jiruuf, ana hin jaallattaniiyyu. Isatti na erge malee, ani baallii tiyyaan hin dhunne. Waan ani jedhu isin maaf hin hubanne? Wonni hubatiisa dhaddanuuf, Jecha kiyya dhage'iisaaf hin dandeettanu. Isin ka abbaa keessan Seexanaa ti; halchaa isaalle godhiisaaf barbaaddan. Inni jalqabumaa kaasee ka nama ijjeesu; dhugaan isa keessa waan hin jirreef, dhugaa irra hin hin jiru. Inni dharaammessaa fi abbaa dharaa waan te'eef, yennaa dhara dubbatu, dharuma ifi keessaa dubbata. Ani ammoo waan dhugaa dubbadhuuf, isin anatti hin dhugeeffattanu. Isin keessaa nami yakkaa cubbu'uu anatti muru eennu? Ani dhugaa yoo dubbadhu, isin maaf ana hin dhugeeffanne ree? Ka Waaqaa ka te'e, jecha Waaqaa hin dhage'a. Te'uu malee, isin ka Waaqaa waan hin te'iniif, hin dhageettannu” jedhe. Yihudooti deebisanee, “Ati nama samaariya'aati; durriisalle ifi keessaa qadda jechuun keenna dhuga'aa motii?” Yesuusiin jedhane. Yesuus deebisee, “Ani durriisa ifi keessaa hin qabu. Ani abbaa kiyya ulfeessa; isin ammoo ana hin ulfeessitanu. Ani ulfinna ifiif hin barbaadu. Ka ulfinna anaaf barbaadu ammoo hin jira; ka murulle isa. Ani dhugumaan isinitti hima; nami jecha kiyya eegatu marti ijjumaa hin du'u” jedhe. Yihudooti isaan, “Nuuti amma dhugumaan akka ati durriisa ifi keessaa qaddu beenneerra! Abrahaam du'eera; raagotille du'aneeran; ati ammoo, ‘Nami jecha kiyya eegatu ijjumaa hin du'u’ jetta. Ati abbaa keenna Abrahaam hin caaltaa? Inni du'eera; raagotille du'aneeran. Ati eennu ifi seeta?” jedhane. Yesuus deebisee, “Ani yoo ifi ulfeesse, ulfinni sun gatii hin qabu. Ka ana ulfeessu Abbaa kiyya, ka isin Waaqa keenna jettanu. Te'uu malee isin isa hin beettanu; ani ammoo isa hin beeka. Ani yoo isa hin beeku jedhe, akkuma keessan dharaamessa te'a. Ani ammoo isa beeka, jecha isaalle hin eegadha. Abbaan keessan Abrahaam guyyaa dhufa tiyyaa dhaggiisaaf gammade; dhaggeelle gammade” jedhe. Yihudooti isaan, “Ati woggaa shantamaayyuu adoo geyiin, Abrahaam dhaggitee?” jedhane. Yesuus deebisee, “Ani dhugaa isinitti hima; Abrahaam adoo hin dhalatinuu Ani ‘Ana’ ” jedhe. Maarre isaan isa tumiisaaf dhakaa fudhatane; Yesuus ammoo ifi dhossee Galma Waaqaatii bayee deeme. Yesuus adoo ideemaa dabaruu, namicha ballaa te'ee dhalateeru tokko dhagge. Barattooti isaa, “Barsiisa'a, akka namichi kun ballaa te'ee dhalatu ka cubbuu huje eennu? Isuma mo'o worra isaati?” jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, “Inni yookiin worri isaa cubbuu hin huyne. Hujiin Waaqaa isa irratti akka mudhattuuf, inni ballaa te'e. Adoo guyya'aatuu, hujii ka ana ergee hujuu qanna; halkan nami tokkolle itti hujiisa hin dandeenne hin dhufa. Ani biyya lafaa keessa haga jiru, ifa biyya lafaa ti” isaaniin jedhe. Yesuus tana jedheen duuba, lafatti tufee hancufaan dhoqqeesse; dhoqqee san ila namichaatitti dibee, “Dhaqiitii haroo Siilo'aamiititti dhiqadhu” jedhe; “Siilo'aam” jechuun ka ergame jechu'u. Maarre namichi dhaqee, dhiqatee, dhaggaa deebi'ee dhufe. Ollooti isaatii fi kolbaan taanaan dura isaa kadhatuun dhaggiteertu, “Namichi kun ka tee'ee kadhatuu motii?” jedhanee gaafatane. Gariin, “Isuma” jedhane; ka dhibiin ammoo, “Waawwo'o, isa fakkaata malee, isaa moti” jedhane Namichi ammoo, “Ani isuma” jedhe. Isaan, “Ilti teeti attamiin banante ree?” jedhanee isa gaafatane. Inni deebisee, “Namicha Yesuus jedhamutti biyyee dhoqqeessee, ila tiyyatti dibee, akka ani gara haroo Siilo'aamii dhaqee dhiqadhu anatti hime. Maarre anille dhaqee dhiqadhee, dhagguu dande'e” jedhe. Isaan, “Inni amma eessa jira?” jedhanee isa gaafatane. Inni deebisee, “Ani hin beeku” jedhe. Achiin duuba isaan namicha dur baalla'aa kaan gara Fariisaayotaa geessane. Guyyaan Yesuus biyyee dhoqqeessee ila namicha balla'aa fayyise sun guyyaa Sanbataa ti. Fariisaayotille attam akka inni dhagguu dande'e namicha gaafatane. Namichi deebisee, “Yesuus dhoqqee ila tiyya dibe; ani dhiqadhee, amma dhagguu dande'e!” jedhe. Fariisaayoti gariin, “Namichi kun Sanbataa waan hin ulfeessineef, Waaqa biraa ka dhufe te'iisa hin dande'u” jedhane. Worri kuun ammoo, “Nami cubbaalessi attamiin bilbaasota akkasii hujuu dande'a?” jedhanee odduu isaaniititti gargar qoqqoodam te'e. Maarre Fariisaayoti namicha dur balla'aa kaaniin, “Marroo namicha ila tiyya bane jettu kanaa, maan jetta?” jdhanee gaafatane. Namichi deebisee, “Inni raag'a” jedhe. Yihudooti baallii qabanu, namichi kun akka dur ballaa te'eeruu fi amma dhagguu dande'e, haga worra isaa waamanutti hin dhugeeffanne. Maarre isaan worraan, “Mucaan keessan, ka isin ballaa te'ee dhalate jettanu kanaa? Amma inni attam dhagguu dande'e ree?” jedhane. Worri isaa deebisee, “Akka inni ilma keenna te'e, ballaa te'eelle akka dhalate hin beenna. Amma ammoo attamiin akka inni dhagguu dande'e, yookiin eennu ila isaa akka bane nuuti hin beennu. Inni nama gudda'a, ifumaafuu dubbatuu hin dande'a; isa gaafadha'a!” jedhane. Nami akka Yesuus Masiihii te'e dhugaa baasee dubbatu, Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessaa akka ari'amu Yihudooti baallii qabanu waan wolii galaneeranuuf, worri isaa isaan sodaatee tana jedhe. Waan kanaaf worri isaa, “Inni nama gudda'a; isa gaafadha'a!” jedhe. Isaan namicha dur ballaa te'ee dhalate lammeessoo waamanee, “Ati Waaqa ulfeessii dhugaa dubbadhu! Namichi kun akka cubbaalessaa nuuti hin beenna” jedhaneen. Namichi deebisee, “Inni cubbaalessa te'uu yookiin te'uu dhabuu ani hin beeku; waan tokko qofaa beeka: Ani ballaa te'ee ture, amma ammoo hin dhagga” jedhe. Isaan, “Inni maan sii godhe? Inni attamiin ila teeti bane?” jedhanee gaafatane. Inni deebisee, “Ani duruu isinitti himeera, isin hin caqanne. Maaf ammaalle dhage'uu barbaaddan? Isinille barattoota isaa te'uu feetanii?” jedhe. Isaan isa arrassanee, “Si'ittuu barataa isaa ti; nuuti ammoo barattoota Muuse'ee ti. Nuuti akka Waaqi Muuse'etti dubbateeru hin beenna; namichi kun ammoo, inni essaa akka dhufeeyyuu hin beennu!” jedhaneen. Namichi deebisee, “Wonni kanciraa, inni eessaa akka dhufe isin hin beettanu! Inni ammoo ila tiyya bane! Waaqi cubbaaleyyi'iif akka hin dhageenne nuuti hin beenna; inni worra isa ulfeessuu fi fedhii isaa muummessuuf dhage'a. Nama ballaa te'ee dhalate tokko ka ila bane jira jedhamuun, haga biyyi lafaa dadantee ijjummaa dhage'antee hin beettu. Nami kun Waaqa biraa adoo dhufuu dhabaatee, waan tokkolle godhuu hin dande'uuyyu” isaaniin jedhe. Isaan, “Ati cubbu'uun guutantee dhalattee nu barsiisiisaaf wodhaantaa?” jedhanee gussanee gad isa baasane. Yesuus akka isaan namicha gussanee gad baasane dhage'ee, yennaa isa dhagge, “Ilma Namaatitti hin dhugeeffattaa?” jedhee isa gaafate. Namichi deebisee, “Goottaa kiyya, kam inni? Anatti himi, itti dhugeeffadhaa!” jedheen. Yesuus isaan, “Ati duruu isa dhaggiteerta, ka amma si woliin dubbatiisatti jiruuyyu isa” jedhe. Namichi, “Goottaa kiyya! Ani hin dhugeeffadha” jedhee isaa sagade. Yesuus, “Worri ballaan akka dhagguu fi worri dhaggu ballaa akka te'u, muriisaaf ani gara biyya lafaa tana dhufe” jedhe. Worra Fariisaayotaa ka isa woliin achi jiranu keessaa gariin isaa tana jedhu dhage'anee, “Dhugumaan nuutilleen balloota jechuu keetii ree?” jedhanee isa gaafatane. Yesuus isaaniin, “Isin balloota adoo teetanee, silaa yakkaa hin qaddanuuyyu; amma ammoo hin dhaggina waan jettanuuf, isin yakkaameyyi'i” jedhe. Yesuus, “Ani dhugaa isinitti hima, nami gara gooree hoolotaa balbalaan adoo hin te'in, karaa dhibi'iin yaabee seenu, hattu'uu fi saamtu'u. Nami gara gooree hoolotaa balbalaan seenu ammoo, tissee hoolotaa ti. Ka balbala eegu balbala isaaf hin bana. Hoolotille qoonqoo isaa hin dhage'an. Inni hoolota ifii maqa'aan waamaa, dura deemaa gad baasa. Inni hoolota ifii mara yennaa gad baase, isaaniin dura deema; hoolotille qoonqoo isaa waan beekanuuf isa hordofan. Isaan qoonqoo ormaa waan hin beenneef, irraa baqatan malee, isa hin hordofanu” jedhe. Yesuus mammaassa kana isaanitti hime, isaan ammoo waan inni jedhe hin hubanne. Yesuus ammalle, “Ani dhugaa isinitti hima: balbalti hoolotaa ana. Worri dhibbiin ka anaan dura dhufe marti hattu'uu fi saantu'u, hooloti ammoo isaan hin dhageettu. Balbalti ana. Ka anaan seenu hin fayya; ol hin seena, gad hin baya, dheedalle hin dhaggata. Hattuun hatiisaaf, ijjeesiisaa fi balleesiisa qofaaf dhutti. Ani ammoo hooloti jiruu akka dhaggattuu fi jiruu firnicixxuu akka qabaattuuf dhufeera” jedhe. Yesuus, “Tisseen dansaan ana. Tisseen dansaan hoolota ifiitiif lubbuu ifii dabarsee kenna. Tissee adoo hin te'in, ka qaxaramee tissu, hooloti ta isaa waan hin te'iniif, yayyiin dhuttuun yennaa dhagge, inni hoolota lakkisee dheeta; maarre yayyiin buttee hoolota bittanneessiti. Namichi qaxaramee tissu, waan qaxaramee tissuuf, hoolotaafille waan hin rakkaneef lakkisee dheeta. Tisseen dansaan ana. Akkuma Abbaan ana beeku, anilleen isa beeka; akkuma ani hoolota tiyya beeku, isaanille ana beekan. Anille isaaniif lubbuu tiyya dabarsee kenna. Ani hoolota dhiibii ta gooree tana keessa hin jirre qaba; ani isaanille fiduu qaba. Isaan qoonqoo tiyya hin dhage'an, gooree takkaa hin te'an, tisseelle tokkocha. Ani lubbuu tiyya deebisee fudhatu'uuf dabarsee waan kennuuf, Abbaan na jaalata. Ani lubbuu tiyya fedha kiyyaan dabarsee kenna malee eennulle narraa hin fudhatu. Ani lubbuu tiyya dabarsee kenniisaa fi deebisee fudhatiisaaf baallii qaba. Ani ajaja kana Abbaa irraa fudhadhe” jedhe. Sababa jecha kanatiif ammalle Yihudooti yaadaan gargar qoqodante. Isaan keessaa nami hedduun, “Inni durriisa ifi keessaa qaba! Inni maraata'a! Isin maaf isa dhageettan?” jedhane. Worri dhibiin ammoo, “Tun dubbii nama durriisa ifi keeessaa qabuutii moti! Durriis ballaa ila banuu dande'aa?” jedhane. Yennaa san jilti eebba Galma Waaqaa ka haareffamee Yerusaalem keessatti jilfamiisatti jirtiiyyu; yennaan sun ganna. Yesuus dalleya Galma Waaqaa keessatti sissaabii Solomoon jala deddeebi'u keessa ideemiisatti jiruun, Yihudooti isa marsitee, “Ati haga yoomii gadhaa keenna rarraacha? Ifatti baasii nutti him: Ati Masiihii?” jedhanee gaafatane. Yesuus deebisee, “Ani duruu isinitti himeera, isin ammoo ana hin dhugeeffattanu. Hujiin ani maqaa Abbaa kiyyaatiin huju anaaf dhugaa baati; isin ammoo hoolee tiyya waan hin te'iniif, hin dhugeeffattanu. Hooloti tiyya qoonqoo tiyya dhageetti; ani isaan beeka, isaanille na hordofan. Ani jiruu bara baraa isaaniif kenna, isaanille ijjumaa hin badanu, eennuulle harka kiyya keessaa isaan butuu hin dande'u. Abbaan kiyya, ka isaan anaaf kenne waan mara caala, eennulle dande'ee harka Abba'aatii isaan hin butu. Abba'aa fi Ani tokko” isaaniin jedhe. Achiin duuba Yihudooti dhaka'aan isa tumiisaaf ammalle dhakaa fudhatte. Yesuus deebisee, “Ani hujii dansaa hedduu Abbaan anatti kenne hujee isinitti mudhiseera; isaan kana keessaa kamiif dhakka'aan na tumiisaaf barbaaddan?” jedhe. Yihudooti deebisanee, “Wonni nuuti dhaka'aan si tumiisaaf barbaannuuf, waan ati Waaqa faanshessiteef malee, hujii dansaa keessaa takkaalle'eefii moti, ati adoo namuma teeteertuu Waaqa ifi goota” jedhaneen. Yesuus deebisee, “Seera keessan keessatti Waaqi isiniin ‘Isin waaqota’ ka jedhe barreeffanteertii motii? Worra jechi Waaqaa isaaniif dhufeen, ‘Isin waaqota’ yoo jedhe, Barreeffam Woyyichi ka hin diiganne yoo te'e, ‘Ani Ilma Waaqaa ti’ waan jedheef, ana ka Abbaan na filatee gara biyya lafaa na ergeen, isin ‘Waaqa faanshessita’ attam jettan ree? Yoo ani hujii Abbaa kiyyaa hin hunye te'e, anatti hin dhugeeffatina'a. Yoo ani huju te'e ammoo, anatti dhugeeffatuu dhaddanulle, Abbaan ana keessa, Anille Abbaa keessa akka jiru akka beettanuu fi akka hubatttanu, hujii tiyyatti dhugeeffadha'a” isaaniin jedhe. Isaan ammalle isa qabiisaaf barbaadane; inni ammoo isaan harkaa miliqe. Achiin duuba Yesuus ammalle Yordaanosiin gama addee Yohaannis duraan itti cuuphaa ture deebi'ee dhaqee, achi bubbule. Namooti hedduun gara isaa dhufane. Isaan, “Yohaannis bilbaasa tokkolle hin goone, ammoo marroo namicha kanaa wonni inni dubbate marti dhuga'a” jedhane. Namooti hedduun achi jiranu Yesuusitti dhugeeffatane. Namichi Alaazar jedhamu tokko, ka Bitaaniyaa keessa le'u dhibame. Bitaaniyaan qachaa Maariyaamii fi obboleettiin isi'ii Maartaan le'anu. Maariyaamiin tun ta fiqiree miila Gootta'aatitti naxxee, rifeensa mataa ifiitiin miila isaa haxxe; Alaazariin dhibame sunille obboleessa isi'ii ti. Obboleettoti Alaazarii: “Gootta'a, nami ati jaalattu dhibameera” jedhanee Yesuusitti ergane. Yesuus yennaa tana dhage'e, “Dhibeen tun, ulfinni Waaqaa akka mudhatuuf, Ilmi Waaqaalle akka ittiin ulfaatuuf teete malee, Alaazar du'ee akka hafuufii moti” jedhe. Yesuus Maartaa, obboleettii isi'ii Maariyaamii fi Alaazar hin jaalataayyu. Akka Alaazar dhibame dhage'ulle, addee jiru san guyyaa lama oole. Achiin duuba inni barattoota ifiitiin, “Me gara biyya Yihuda'aa deebinee dhandha” jedhe. Barattooti isaan, “Barsiisa'a, dhiyoo tana Yihudooti dhaka'aan si tumiisaaf barbaadaneeran; ati ammalle achi dhaqiisaaf yaadattaa?” jedhaneen. Yesuus deebisee, “Guyyaan tokko sa'aatii kudhanii lama qabaa motii? Maarre nami guyya'aan ideemu, ifa biyya lafaa tana waan dhagguuf hin gufatu. Nami halkaniin ideeme ammoo, sababa ifa hin qanneef hin gufata” jedhe. Yesuus tana jedheen duuba dabalee, “Alaazar jaalli keenna rafeera, ani ammoo dhaqee isa hin dammassa” jedhe. Barattooti isaa deebisanee, “Gootta'a, inni yoo rafee jiraate, hin fayya” jedhane. Yesuus akka Alaazar du'eeru dubbatte; isaan ammoo marroo hirriibaa dubbate seyane. Maarre Yesuus ifa tolchee, “Alaazar du'eera; ammoo akka isin dhugeeffattanuuf, ani achi waan hin jiraatiniif gammadeera. Amma ammoo ka'aa gara isaa dhandhaa!” isaaniin jedhe. Toomasiin Didimoos jedhamu barattoota dhibi'iin, “Kowaa mee nuutille dhandhee, barsiisaa woliin duunaa!” jedhe. Yesuus yennaa achi geye, Alaazar haga awwaalamee guyyaa afur akka te'e dhagge. Bitaaniyaan Yerusaalem irraa gara kiiloomeetrii sadii fagaatti; Yihudooti hedduun maarta'aa fi Maariyaam marroo du'a obboleessa isaaniitiif isaan jajjabeessiisaaf dhufaneeran. Maartaan dhufa Yesuusii yennaa dhageette, gad itti baate; Maariyaam ammoo manumatti hatte. Maartaan Yesuusiin, “Gootta'a, adoo ati as jiraattee, obboleessi kiyya silaa hin du'uuyyu! Ammoo, ammalle waan ati gaafatte mara Waaqi akka sii kennu ani hin beeka” jette. Yesuus, isi'iin, “Obboleessi keeti du'aa hin ka'a” jedhe. Maartaan deebittee, “Guyyaa muumme'ee yennaa du'aa ka'iisaa, akka inni du'aa ka'u ani hin beeka” jette. Yesuus, “Du'aa ka'iisaa fi jiruun ana. Ka anatti dhugeeffatu, du'ulle jiru'uun hin le'a; Ka jiru'uun le'uu fi anatti dhugeeffatu marti hin du'u. Ati kana hin dhugeeffattaa?” isi'iin jedhe. Isiin, “Ee Gootta'a, ati Ilma Waaqaa, Masiihii gara biyya lafaa dhufaaru akka teete ani hin dhugeeffadha” jetteen. Maartaan kana jetteen duuba, dhaxxee obboleettii ifii Maariyaam qofuu waantee, “Barsiisaan as jira, si'ille waamiisatti jira” jetteen. Maariyaamiin yennaa tana dhageette, ariifattee isa dhaggiisaaf kaatee baatee gara isa dhaxxe. Yesuus adduma Maartaan isa itti dhaggite jiraayyu malee, yennaa san ollaa keessa hin seenneeyyu. Yihudooti isii jajjabeessiisaaf isii woliin mana keessa jiranu, yennaa Maariyaamiin ariifattee kaatee baatuun dhaggane, waan addee awwaalaa dhaxxee boottu seyanee, isii gula ka'ane. Maariyaamiin addee Yesuus jiru geettee, akkuma isa dhaggiteen, miila isaatitti jiddee, “Gootta'a! Adoo ati as jiraattee, obboleessi kiyya silaa hin du'u” jetteen. Yesuus booyiisa isi'iitii fi kolbaan isii woliin jirtulle attam akka booyiisatti jirtu yennaa dhagge, gadhaan isaalle gaddee, guddisee laaleffatee, “Eessatti awwaaltane?” jedhee isaan gaafate. Isaan, “Gootta'a, koyii ilaali” jedhanee deebisane. Yesuus booye. Yihudooti, “Attam akka inni isa jaalate ilaala'a!” jette. Isaan keessaa gariin ammoo, “Inni nama ballaa fayyiseera, silaa akka Alaazar hin duune dhoogguu hin dande'uuyyuu?” jedhane. Yesuus ammalle guddisee laaleffatee, gara boolla awwaalaa dhaqe. Boolli awwaalaa sun goda dhakaan afaan irra keyameeru. Yesuus, “Dhakaa irraa kaasa'a!” jedhee ajaje. Maartaan, obboleettiin nama du'ee, “Gootta'a, inni haga du'ee guyyaa afur tureera. Amma ajoweera!” jetteen. Yesuus isi'iin, “Yoo dhugeeffatte ulfinna Waaqaa akka dhaggitu, ani sitti hin hinnee?” jedhe. Maarre isaan dhakaa irraa kaasane. Achiin duuba Yesuus ol ilaalee, “Ee Abba'a, waan na dhageetteef, si galateeffadha. Akka ati yennaa mara naa dhageettu ani hin beeka; ammoo kolbaan as dhaabbattu tun akka ati ana ergite akka dhugeeffattuuf tana jedhe” jedhe. Tana jedheen duuba, Yesuus, “Alaazar, as bayi!” jedhee qoonqoo guddo'oon waame. Alaazarille harkii fi miilli isaa woyaa awwaalaatiin xaxamee, fuulli isaalle woya'aan maramee, gad baye. Yesuus, “Hiika'aatii lakkisa'a, deemuutii” isaaniin jedhe. Yihudoota gara Maariyaamii dhufaneeranu keessaa hedduun waan Yesuus huje dhagganee, isatti dhugeeffatane. Isaan keessaa gariin ammoo gara Fariisaayotaa dhaqanee waan Yesuus huje itti himane. Maarre moototi hayyootatii fi Fariisaayoti kora murti'ii waamanee, “Bilbaasota namichi kun hujiisatti jiru mara ilaala'a! Maan goona? Akkanumaan yoo isa lakkinne, nami maraa isatti hin dhugeeffata; worri Rooma'aalle dhufee Galma Waaqaa keennaa fi kolbaa teenna hin balleessa” jedhane. Isaan keessaa nami tokko, ka Qayyaaffaa jedhamu, ka woggaa san hayyuu guddaa te'eeru, “Isin ijjumaa wo hin beettanu; kolbaan duudiin badu'uu mannaa, nami tokko kolba'aaf du'uun isiniif woyya; isin ijjumaa tana hin hubattannuu?” isaaniin jedhe. Inni ifi keessaa fuudhee tana hin jenne; woggaa san hayyuu guddaa waan te'eef, Yesuus kolbaa Yihudi'iitiif akka du'aaru raage. Isaan qofaaf adoo hin te'in, kolbaa Waaqaa ta bittinnootte maralle wolitti rariisaaf du'a. Guyyaa sanii jalqabanee Yihudooti baallii qabanu Yesuus ijjeesiisaaf mala dhowane. Tanaaf Yesuus Yihudaa keessa ifaataan deddeemuu hin dandeenne; ammoo achi lakkisee gara qachaa Efireem jedhamuu, ka goomole'een dhikoo jiruu dhaqee, barattoota ifii woliin achi bubbule. Yennaan Jila Irra Dabarama Yihudootaa dhikaateertiiyyu; biyya keessaa namooti hedduun jilaan dura akka aadaa dhugeeffannaa isaaniititti ifi qulqulleesu'uuf gara Yerusaalemii ol bayane. Isaan Yesuus barbaadiisatti waan jiranuuf, Galma Waaqaa keessa dhaabbatanee, “Maan isinitti fakkaatti? Inni gara jilaa hin dhufu, hin dhufaa?” jedhanee wol gaafatane. Moototi hayyootaatii fi Fariisaayoti akka isa qabiisa dande'anu, nami addee Yesuus jiru beeku yoo jiraate, akka himu ajaja kennaneeran. Jila Irra Dabaramaatiif guyyaan jaan hafeeruun, Yesuus addee Alaazariin inni du'aa kaase le'u, Bitaaniyaa dhaqe. Isaan achitti irbaata isaaf qopheessanee, Maartaan areerte; worra Yesuus woliin achi addee nyaataa tetee'aneeranu keessaa tokkochi Alaazar. Achiin duuba Maariyaam fiqiree gatii guddo'oo ta Naardoos qofa irraa hujjatante ta liitirii takkaa hidha geettu fuutee, miila Yesuusii lamaanittuu naxxee, rifeensa mataa ifiitiin haxxe. Fiqqeessi fiqire'ee mana duudii guute. Barattoota Yesuusii keessaa tokko ka te'e, Yihudaan nami biyya Keriyootii, ka isa dabarsee kennaaru, “Fiqireen tun mindaa gara woggaa tokkootitti dhikaatu gurgurantee maaf hiyyeeyyi'iif hin kennamin?” jedhe. Inni waan hattuu te'eef, tana jedhe malee, marroo hiyyeeyyi'iitiif jedheetii moti. Inni korojoo beese'ee ba'ata; beesee korojoo keessaalle fudhataa ture. Yesuus ammoo, “Isiin guyyaa awwaala kiyyaatiif qophii goote waan te'eef, isii dhiisa'a. Namooti Hiyyeeyyiin yennaa maraa isin woliin jiran, ani ammoo yennaa maraa isin woliin hin jiraadhu” jedhe. Worra Yihudootaa keessaa Kolbaan hedduun Yesuus Bitaaniyaa akka jiru beette; maarre Yesuus qofaaf adoo hin te'in Alaazarii inni du'aa kaaselle dhaggiisaaf achi dhaxxe. Moototi hayyootaa ammoo Alaazarillee ijjeesiisaaf itti malane; sababille Yihudooti hedduun sababa Alaazariitiif isaan lakkisanee Yesuusitti waan dhugeeffataneef. Boruyyaa Gumiin guddoon jila irra dabaramaatiif dhutteertu Yesuus gara Yerusaalemii akka dhufiisatti jiru dhageette. Maarre dameelee meexxi'ii qabattee, qoonqoo guddo'oon, “Hosaa'inaa! Mootiin Isiraa'elii ka maqaa Goottta'aatiin dhufu ka eebbifame!” jedhaa isa fudhatiisaaf baate. Yesuus ilmayyoo harre'ee tokko dhaggee irra tee'e. Kunille akkuma Barreeffam Woyyichi, “Kolbaa Yerusaalemii, hin sodaatina'a! Mootiin keessan kunoo ilmayyoo harre'ee irra tee'ee dhufa” jedhu. Barattooti isaa jalqaba irratti kana hin hubanne; Yesuus gara ulfinnaa ol fudhatameen duuba ammoo, isaan Barreeffam Woyyichi marroo isaatiif akka kana jedhee fi isaanille kanuma akka isaaf godhane qaabatane. Kolbaan yennaa inni Alaazar awwaala keessaa waamee du'aa kaasu Yesuus woliin jirtu waan te'e dhugaa bayaa turte. Bilbaasa kana akka inni tolche waan dhageetteertuuf gumiin isa fudhatiisaaf baate. Kanaaf Fariisaayoti, “Ilaala'a, nuuti womaa godhuu hin dandeenne! Kunoo, biyyi lafaa duudiin isa hordofaarti!” woliin jedhane. Worra yennaa jilaa waaqonfatiisaaf gara Yerusaalemii dhaqaneeranu keessaa gariin Giriikoota. Isaan gara nama Betsayidaa Galiilaa keessa jirtuu, gara Philiphosii dhaqanee, “Gootta'a, nuuti Yesuus dhaggiisaaf barbaanna” jedhaneen. Philiphoos dhaqee Indiryaasitti hime; Philiphoosii fi Indiriyaas lamaaniin dhaqanee Yesuusitti himane. Yesuus deebisee, “Yennaan Ilmi Namaa ulfaatu amma geetteerti. Ani dhugaa isinitti hima: Midhaan qamadi'ii yoo lafa bu'ee du'e malee, tokkochuma te'ee hafa. Yoo du'e ammoo, midhaan hedduu buusa. Nami jiruu ifii jaalatu jiruu ifii hin dhaba; nami biyya lafaa tana keessatti jiruu ifii jibbu ammoo jiruu bara baraatiif isii eegata. Nami na tajaajiluu barbaadu na hordofuu ti; tanaaf tajaajilaan kiyyalle na woliin addee ani jiru hin jiraata. Nama na tajaajilu Abbaan kiyyalle hin ulfeessa” jedhe. Yesuus itti dabalee, “Amma lubbuun tiyya rakkatteerti, ani maan jedha? ‘Abba'a, yennaan tun akka anatti hin dhunne oolchi jedha moo?’ Akkas akka hin jenne yennaa rakkinnaa tanaaf dhufe. Abba'a, maqaa keeti ulfeessi!” jedhe. Achiin duuba qoonqoon ol gubba'aa dhuttee, “Ulfeesseera, ammalle hin ulfeessa” jette. Gumiin achi dhaabbattee qoonqoo tana dhageette keessaa gariin, “Wonni mandiisu'u” jette; worri kuun, “Ergamaa Waaqaatitti isatti dubbate” jedhe. Yesuus ammoo isaaniin, “Qoonqoon tun isiniif jettee dubbatte malee, anaaf moti. Yennaan biyya lafaa tanatti murantu amma; bulchaan biyya lafa tanaa Seexanni amma hin gatama. Ani Yennaa lafa tana irraa ol kaafame, nama maraa gara kiyya harkisa” jedhe. Yesuus du'a attamii akka du'uuf jiru mudhisiisaaf tana jedhe. Gumiin deebittee, “Masiihiin haga bara baraa akka jiraatu seera keenna irraa dhageenneera. Ati attamiin Masiihiin ol kaafamuu qaba jetta ree? Ilmi namaa kun eennu inni?” jetteen. Yesuus deebisee, “Ifi yennaa gabaaddu'uuf isin woliin hin jiraata. Dukkanti akka isin hin dhaqqanne, ifa adoo qaddanuu ideema'a; nami dukkanaan deemu eessa akka deemiisatti jiru hin beeku. Ijoollee ifaa akka teetanuuf, adoo ifa qaddanuu, ifatti dhugeeffadha'a” jedheen. Yesuus tana dubbateen duuba, biraa ideemee isaan duralle'ee ifi dhosse. Yesuus addee isaan jiranutti bilbaasota kana mara hujulle, isaan isatti hin dhugeeffane. Dubbiin raagichi Isaayaas, “Gootta'a, eennutti waan nuuti itti hinne dhugeeffate? Hunni Gootta'aa eennutti mudhatte?” ka jedhe akka muummottuuf tun teete. Maarre isaan dhugeeffatiisa hin dandeenne, sababille Isaayaas addee dhibiille'etti, “Ilti isaanii akka hin dhaggine, gadhaan isaaniille akka hin hubanne, gara isaalle deebi'anee akka hin fayyinne, Waaqi ila isaanii jaanseera; gadha isaaniille jabeesseera jedha” jedheera. Isaayaas ulfinna Yesuusii waan dhaggeef tana jedhee marroo isaa dubbate. Te'uu malee, Yihudooti worri baallii qabanu hedduun Yesuusitti dhugeeffatane; ammoo Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessaa nu baasan jedhanee, Fariisaayota waan sodaataneef, isatti dhugeeffatuu isaanii ifa baasanee hin dubbanne. Isaan ulfinna Waaqa irraa dhaggachuu caalaa ulfinna nama irraa dhaggachuu jaalatane. Yesuus qoonqoo guddo'oon, “Nami anatti dhugeeffatu ka ana ergelle'etti dhugeeffata malee ana qofatti hin dhugeeffatu. Nami ana dhaggu ka ana ergelle hin dhagga. Ka anatti dhugeeffatu marti dukkana keessatti akka hin hanneef, ani ifa te'ee gara biyya lafaa dhufeera. Nama jecha kiyya dhage'ee hin eeganetti ka muru anaa moti; ani biyya lafaa fayyisiisaaf dhufe malee, itti muriisaaf hin dhunne. Nama ana didee Jecha kiyya hin fudhannetti ka muru hin jira. Jecha ani dubbadhettuu gaafa guyyaa dhumaa itti mura. Ani baallii tiyyaan hin dubbanne; ammoo Abbaa ana ergetti waan ani jedhee dubbadhu na ajaje. Ajaji isaa kun gara jiruu bara baraa akka geessu ani hin beeka. Maarre wonni ani dubbadhu, waan akka ani dubbadhuuf Abbaan anatti hime” jedhe. Guyyaa Jila Irra Dabaramaatiin dura, Yesuus biyya lafaa tana lakkisee yennaan gara Abba'aa deemu akka geetteertu beeke. Inni biyya lafaa tana keessatti worra ka isaa te'ane yennaa mara jaalateeraayyu; haga muumme'eetittille isaan jaalate. Yesuusii fi barattooti isaa irbaata irra jiraniiyyu. Seexanni duraanuu Yihudaan ilma Simoonii ka nama biyya Keriyootii, akka Yesuus dabarsee kennuuf, yaada isa keessa keyeera. Yesuus akka Abbaan baallii guutuu isaa kenneeru beeke; akka Waaqa biraa dhufee fi gara Waaqaalle akka deemu beeke. Maarre inni irbaata irraa ka'ee, woyaa lafa keyatee, fooxaa ittiin haxowanu hidha ifiititti marate. Achiin duuba inni bisaan qorii itti dhiqatanutti cossee, miila barattoota ifii dhiqee fooxaa hidha ifiititti marateeruun haxowe. Simoon Pheexroos bira geyee jennaan, Simoon Pheexroos, “Gootta'a, sitti miila kiyya dhiqaa?” jedheen. Yesuus isaan, “Waan ani hujiisatti jiru ati amma hin beettu, duubarra ammoo hin hubatta” jedhe. Pheexroos deebisee, “Ati ijjumaa miila kiyya hin dhixxu!” jedheen. Yesuus deebisee, “Yoo ani miila keeti hin dhiqin, na biraa qooda hin qaddu” jedheen. Simoon Pheexroos deebisee, “Gootta'a, eegasuu, miila kiyya qofaa motii, harkaa fi mataa kiyyalle dhiqi!” jedheen. Yesuus deebisee, “Nami nafa dhiqate, nafi isaa duudiin qulqulluu waan te'eef, miila ifii malee, nafa dhiqachuu hin barbaachisu. Isin qulqullu'u; te'uu malee, isin marti qulqullu'uu moti” jedheen. Yesuus duraanuu ka isa dabarsee kennu waan beekeeruuf, “Isin marti qulqullu'uu moti” jedhe. Yesuus miila isaanii dhiqeen duuba, woyaa fudhatee uffatee, addee ifiititti deebi'ee tee'ee, “Waan ani isinii godhe hubattanee?” jedhee gaafate. ‘Barsiisa'a, Goottaalle’ jettanee ana waantan; akkas jechuun keessan dhuguma; sababilleen aninuu akkuma san. Ani, Goottaan keessanii fi barsiisaan keessan, miila kessan eega dhiqee, isinille miila wolii dhiquu qaddan. Akkuma ani isiniif godhe isinille akka gootanu, fakkeenna isinii te'eera. Ani dhugaa isinitti hima: Garbichi goottaa ifii hin caalu, ergantichille ka isa erge hin caalu. Isin dhugaa tana beettanee, hujii irra yoo oolchitane ka badhaatane. “Ani marroo isin maraatiif dubbatiisatti hin jiru; ani worra filadheeru hin beeka; ammoo Barreeffam Woyyichi, ‘Namichi sagalee tiyya nyaate garagalee anatti ka'e!’ jedhu muummawuu qaba. Yennaa inni muummoye, isin akka Ani Isa te'e akka dhugeeffattanuuf, adoo inni hin te'in dura amma ani tana isinitti hima. Ani dhugaa isinitti hima: Nami ka ani erge fudhatu ana fudhata; nami ana fudhatulle ka ana erge fudhata” isaaniin jedhe. Yesuus tana dubbateeruun duuba, yaada ifiitiin rakkatee, “Ani dhugaa isinitti hima: Isin keessaa tokkochi dabarsee ana hin kenna” jedhee ifa tolchee dubbate. Barattooti marroo eennuutiif akka inni dubbate wollaalanee, wol ilaalane. Barattoota keessaa tokko, ka Yesuus isa jaalatu, Yesuusitti aanee tee'eeraayyu. Simoon Pheexroos, barataa sanitti qiphifatee, “Maroo eennuutiif akka Yesuus dubbatiisatti jiru gaafadhu” jedheen. Maarre tanaaf barataan sun ittuma Yesuusitti hiiqee, “Gootta'a, eennu inni?” jedhee gaafate. Yesuus deebisee, “Ka ani cassaa dabbo'oo tana unata keessa cuuphee tuuqachiisu isa” jedheen; maarre inni cassaa daabbo'oo fuudhee, ilma Simoonii, Yihudaa nama biyya keriyootii tuuqachiise. Yihudaan akkuma cassaa daabbo'oo fudhateen, Seexanni isatti gale; Yesuus isaan, “Waan hujaartu dafii huji!” jedheen. Worra irbaata irra jiru san keessaa Yesuus maaf tana akka isaan jedhe nami tokkolle ka beeke hin jiru. Yihudaan beesee waan qabatuuf, barattooti gariin jilaaf waan isaanii barbaachisu dhaqee akka bitu, yookiin hiyyeeyyi'iif waan tokko akka kennuuf, Yesuus itti hime seyane. Yihudaan cassaa daabbo'oo fudhatee yoosuma gad baye. Yennaan sun halkan. Yihudaan gad bayeen duuba, Yesuus, “Ilmi Namaa amma ulfaateera; Waaqille isaan ulfaateera. Waaqi isaan yoo ulfaate, Waaqille isa hin ulfeessa; ariifateelle isa hin ulfeessa. Ijoollee tiyya, ani yennaa guddoo isin woliin hin jiraadhu. Isin ana barbaadu'uuf jirtan; ani ammoo, ‘Addee ani dhaqiisatti jiru isin dhaqiisa hin dandeettanu’ jedhee waanuma Yihudoota baallii qabanutti hime amma isinitti hima. Ani ajaja haareya isinii kenna: Wol jaaladha'a. Akka ani isin jaaladhe, isinille wol jaaladha'a. Isin wol yoo jaalattane, namooti marti akka isin barattoota tiyya teetane hin beekan” jedhe. Simoon Pheexroos, “Gootta'a, eessa dhaqaarta?” jedhee isa gaafate. Yesuus deebisee, “Addee ani dhaqaaru amma ana hordottee hin dandeettu; duuba ammoo ana hin hordotta” jedheen. Pheexroos, “Gootta'a, amma si hordofiisa maaf hin dandeenne? Ani lubbuu tiyyalle si'iif dabarsee hin kenna” jedheen. Yesuus deebisee, “Ati dhugumaan lubbuu teeti anaaf dabarsitee hin kennitaa? Ani dhugaa sitti hima: Adoo lukkuun hin iyyin ati yennaa sadiin na mormatta” jedheen. Yesuus barattoota ifiitiin, “Gadhaan keessan hin raafamin, Waaqatti dhugeeffadha'a; analle'etti dhugeeffadha'a! Mana Abbaa kiyyaa keessa addeen leeto'oo heddu'utti jira; anille addee isiniif qopheessiisaaf deemaara. Adoo isiin hin jirre teetee ani silaa tana isinitti hin himuuyyu. Dhaqee addee isiniif qopheesseeruun duuba, addee ani jiru akka leetanuuf, deebi'ee dhufee isin fudhadha. Karaa addee ani dhaqaaru geessu san isin hin beettan” jedhe. Toomaas isaan, “Gootta'a, addee ati dhaqaartu nuuti hin beennu; maarre nuuti attamiin karaa achi geessu beekuu dandeenna?” jedhe. Yesuus deebisee, “Karaan, dhuga'aa fi jiruun ana; anaan malee, eennulle gara Abba'aa hin dhufu. Adoo ana beettanee jiraattanee Abbaa kiyyalle hin beettaniiyyu. Ammaan jalqaddanee isa hin beettan, isalle dhaggitaneertan” jedheen. Filiphoos isaan, “Gootta'a, Abbaa nu'utti mudhisi; sun nu geetti” jedheen. Yesuus deebisee, “Isin mara woliin ani yennaa dheertuu tee'eera; Filiphoos! Ati haga ammaa ana hin beettuu? Ka ana dhagge Abbaa dhaggeera. Ati maaf, ‘Abbaa nu'utti mudhisi’ jetta ree? Filiphoos! Akka ani Abba'aan jiru, Abbaalle anaan jiru ati hin dhugeeffattuu? Ani Jecha isinitti dubbadhu, baallii tiyyaan hin dubbadhu. Abbaa, ana keessa jiraatuttuu, hujii ifii huja. Ani Abba'aan, Abbaalle anaan akka jiru yennaa ani dubbadhe ana dhugeeffadha'a. Yookiin sababa waan Ani hujeetiif anatti dhugeeffadha'a. Ani dhugaa isinitti hima: Nami anatti dhugeeffatu waan ani huju hin huja; ani gara Abba'aa waan deemuuf inni waan kana caaluuyyuu hin huja. Abbaan karaa Ilmaatiin akka ulfaatuuf, waan isin maqaa kiyyaan kadhattane mara, ani hin godha. Waan mara maqaa kiyyaan yoo ana kadhattane, ani hin godha. Yesuus deebisee, “Isin yoo ana jaallattane, ajaja kiyya hin eeggattan. Ani Abbaa hin kadhadha, innille Jajjabeessaa dhibii, ka haga bara baraa isin woliin jiraatu isiniif hin kenna. Inni Ayyaana dhuga'aa ti. Biyyi lafaa waan isa hin dhaggineef yookiin isa hin beenneef, isa hin fudhattu. Isin ammoo waan inni isin keessaa fi isin woliin jiraatuuf, isa hin beettan. “Akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee qofi isin hin lakkisu; ani deebi'ee gara keessan hin dhufa. Yennaa diqqo'oon duuba biyyi lafaa deebitee ana hin dhaggitu; isin ammoo ana hin dhaggitan; ani jiraataa waan te'eef, isinille hin jiraattan. Ani Abbaa kiyyaan, isin anaan, anille isiniin akka jiru, guyyaa san hin beettan. “Nami na jaallatu, nama ajaja kiyya fudhatee eegatu. Abbaan kiyya ka ana jaallatu hin jaallata; anille isa hin jaalladha, ifille isatti hin mudhisa” jedhe. Yihudaa nama biyya Keriyootii adoo hin te'in, Yihudaan dhibiin, “Gootta'a, biyya lafaatitti adoo hin te'in, attamiin nu'utti ifi mudhitta?” jedhe. Yesuus deebisee, “Nami ana jaallatu Jecha kiyya hin eegata. Abbaan kiyya isa hin jaallata; anii fi Abbaa kiyya gara isaa dhunnee woliin hin leena. Nami ana hin jaallanne Jecha kiyya hin eegatu. Jechi isin dhageettanu kun, ka Abbaa na ergeeti malee, kiyyaa moti. “Ani amma adoo isin woliin jiruu tana isinitti himeera. Jajjabeessaan Ayyaanni Woyyichi, ka Abbaan maqaa kiyyaan ergu, waan mara isin hin barsiisa; waan ani isinitti hime maralle isin hin qaassisa. “Nageya isin bira keya; nageeya kiyyalle isiniif hin kenna. Nageenni ani isinii kennu, nageya akka biyyi lafaa isinii kennituutii moti. Gadhaan keessan hin raafamin; hin sodaatinille'e. ‘Ani deemaara, ammoo deebi'ee gara keessan hin dhufa’ akka isiniin jedhe dhageettaneertan; adoo ana jaallattanu teetee, Abbaan ana waan caaluuf, gara Abba'aa deemuu kiyyatti silaa hin gammaddaniiyyu. Tun yennaa teete akka dhugeeffattanuuf, duraan dursee adoo tun mara hin te'in, amma isinitti himeera. Ka biyya lafaa tana bulchu Seexanni waan dhufiisatti jiruuf, kanatti dabalee yoona guddoo isin woliin hin dubbadhu. Inni ana irratti hunna hin qabu; ammoo akka ani Abbaa jaalladhu biyyi lafaa akka beettuuf, waan Abbaan na ajaje mara huja; ka'aa me addee tanaa deennaa” jedhe. Yesuus, “Muki woyni'ii dhugichi Ana; ka dhaabee guddisu Abbaa kiyya. Damee anatti jirtu ta midhaan hin buunne mara inni muree hin gata; dameen midhaan buuttu ammoo caalchitte akka midhaan buuttuuf, qaccee kutee qulqulleessa. Jecha ani isinitti dubbadheen isin ammumaayyuu qulqullootaneertan. Anaan jiraadha'a, anille isiniin hin jiraadha. Dameeleen ifumaan midhaan buuttee hin dandeettu; muka woyni'iititti yoo jiraatte qofa midhaan buutti. Akkasuma isinille yoo anaan hin jiraatin midhaan buusuu hin dandeettanu. “Ani muka woyni'ii ti, isin dameele'e. Ka anaan jiraatu, ka anille isaan jiraadhu, inni midhaan hedduu hin buusa; anaan malee womaa godhuu hin dandeettanu. Ka anaan hin jiraanne mara akka dameele'ee gatamee goga; dameeleen akkasii wolitti qabantee ibiddatti gatantee gubanti. Isin yoo anaan jiraattane, jechi kiyyalle isin keessa yoo jiraate, waan feetane mara yoo kadhatane hin dhaggattan. Midhaan hedduu isin buuttanuun Abbaan kiyya ulfaata; barattoota tiyya te'uu keessanille mudhittan. Akkuma Abbaan kiyya ana jaallate anille isin jaalladhe; jaalala kiyyaan jiraadha'a. Akkuma ani ajaja Abbaa kiyyaa eegadhe jaalala isaatiin jiraadhu, isinille ajaja kiyya yoo eegattane, jaalala kiyyaan hin jiraattan. “Gammadi kiyya isin keessa akka jiraatuuf, gammadi keessanille guutuu akka te'uuf tana dubbadhe. Ajaji kiyya kana: akkuma ani isin jaalladhe, isinille wol jaalladha'a. Nami tokko jiruu ifii jaalota ifiitiif dabarsee kenniisa irra caalaa, jaalala caalu hin qabu. Waan ani isin ajaje yoo gootane isin jaalota tiyya. Haganaa achi garboota tiyya isiniin hin jedhu, sababille garbichi waan goottaan isaa godhu hin beeku. Ani waan Abbaa kiyya irraa dhage'e mara waan isinitti himeeruuf, jaalota tiyya isiniin jedheera. Anatti isin filate malee, isin ana hin filanne. Isin dhaxxanee midhaan jiraatu hedduu akka buuttanu, ani isin muudeera. Maarre waan maqaa kiyyaan kadhattane mara Abbaan kiyya isiniif hin kenna. Eegasuu ani akka isin wol jaallattanuuf isin ajaja” jedhe. “Biyyi lafaa yoo isin jibbite, isiniin duraa akka ana jibbiteertu beeka'a. Isin ka biyya lafaa adoo teetanee, biyyi lafaa ka isi'ii ka te'e silaa hin jaallattiiyyu. Isin ka biyya lafaa waan hin te'inii fi waan ani biyya lafaa tana keessaa isin filadheef biyyi lafaa isin jibbiti. Jecha ani, ‘Garbichi goottaa ifii hin caalu’ jedhee isinitti hime qaabbadha'a. Ana miidhanee yoo jiraatane, isinille hin miidhan; Jecha kiyyaaf ajajamanee yoo jiraatane, jecha keessanille'eef hin ajajaman. Isaan ka ana erge waan hin beenneef, isinille kiyya waan teetaneef, kana mara isin irratti godhan. Adoo ani dhufee isaanitti hin dubbatin te'ee, silaa cubbuu isaanitti hin teetuuyyu. Amma ammoo cubbuu ifiitiif sababa dhi'eeffatanu hin qabanu. Nami ana jibbu Abbaa kiyyalle hin jibba. Adoo hujii nami dhibiin ijjumaa hujee hin beenne odduu isaaniititti hin hujatin te'ee, silaa cubbuu isaanitti hin teetuuyyu; amma ammoo isaan waan ani huje adoo dhagganeeranuu, anaa fi Abbaa kiyyalle jibbane. Kunille, ‘Sababuma malee na jibbane’ jedhamee jechi Seera isaanii keessatti barreeffame akka muummowuuf te'e. “Ani Ayyaana dhuga'aa Jajjabeessaa, ka Abbaa biraa dhufu, isiniif hin erga. Inni anaaf dhugaa hin baya. Isinille jalqabaa jalqaddanee ana woliin waan jirtanuuf, dhugaa hin baatan” jedhe. Yesuus, “Dhugeeffannaa teessan irraa akka isin hin gufanneef, ani tana maraa isinitti hime. Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessaa isin baasan; nami isin ijjeesu tokko, waan Waaqaaf tajaajilu yennaan itti fakkaattu hin dhutti. Isaan waan Abbaa yookiin ana hin beenneef waan kana mara isin irratti godhan. Waan kana godhiisaaf yennaan isaanii yoo geette, waan ani isinitti hime akka qaabbattanuuf tana isinitti hime. Ani isin woliin waan jiruuf, jalqaba irratti dubbi tana isinitti hin hinne” jedhe. Yesuus, “Ani ammoo amma gara ka ana ergee deemaara; isin keessaa nami tokkolle, ‘Eessa dhaqaarta?’ jedhee ana hin gaafatu. Ani waan tana isinitti himeef ammoo, gadhaan keessaan gaddaan guutameera. Ani ammoo dhugaa isinitti hima: ani yoo deeme isinii woyya; sababille ani yoo hin deemin, Jajjabeessaan gara keessan hin dhufu. Ani yoo deeme ammoo, isa gara keessan hin erga. Inni yennaa dhufe, marroo cubbu'uu, marroo balchumma'aatii fi marroo mura'aa kolbaa biyya lafaatitti hin mudhisa. Isaan waan anatti hin dhugeeffatiniif, marroo cubbu'uu inni isaanitti hin mudhisa; Ani gara Abba'aa waan deemuuf, isinille deebitanee waan ana hin dhaggineef, inni marroo balchuma'aa hin mudhisa. Bulchaa lafa tanaatitti waan duruu muranteertuuf, inni marroo mura'aa mudhisa. “Ani waan hedduu isinitti himu qaba, amma ammoo qalbeeffatiisa hin dandeettanu. Ayyaanni dhuga'aa yennaa dhufe, inni gara dhuga'aa mara isin hin geessa. Inni ifirraa fuudhee hin dubbatu, ammoo waan dhage'ee fi waan dhufu'uu jiru dubbata. Inni waanuma ani jedhu fuudhee waan isinitti himuuf, ulfinna anaaf hin kenna. Wonni Abbaan qabu martinuu tiyya; tanaaf ani, ‘Ayyaanni Woyyichi waanuma ani jedhe fuudhee isinitti hima’ jedhee isinitti dubbadhe. “Yennaa diqqo'oon duuba ana hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee ana hin dhaggitan” jedhe. Barattoota isaa keessaa gariin, “ ‘Yennaa diqqo'oon duuba ana hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee ana hin dhaggitan; akkusuma inni ani gara Abba'aalle waan deemuuf’ nu'uun jechuun isaa kun maan?” jedhanee wol gagaafatane. Ittuma deebi'anee, “ ‘Yennaa diqqoo’ jechuun kun maan? Marroo maanii akka inni dubbatiisatti jiru nuuti hin beennu” jedhane. Yesuus akka isaan isa gaafatiisa barbaadane beekee, “ ‘Yennaa diqqo'oon duuba ana hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee ana hin dhaggitan’ waan ani jedheef, isin wol gagaafattanii? Ani dhugaa isinitti hima: isin waacittanee boottan, biyyi lafaa ammoo hin gammaddi; isin hin gadditan, gaddi keessan ammoo gara gammadaa hin jijjiirama. Dubartiin takka yennaa deyiisa geettu, yennaan ciniisu'uu waan geetteef hin gadditi; yennaa daa'imi dhalate ammoo, daa'imi gara biyya lafaa waan dhufeef gammaddee, rakkinna ifii deeti. Isin amma gaddiisatti jirtan; ani ammoo deebi'ee isin hin dhagga; gadhaan keessan hin gammada; gammada keessan eennulle isin irraa hin fudhatu. “Guyyaa san, isin womaa ana hin kadhattanu. Ani dhugaa isinitti hima: Waan isin maqaa kiyyaan Abbaa kadhattanu mara Abbaan isiniif hin kenna. Haga ammaa maqaa kiyyaan waan tokkolle hin kadhanne; gammadi keessan guutuu akka te'uuf, kadhadha'a hin fudhattan” isaaniin jedhe. Yesuus, “Kana mara isinitti himiisaaf fakkeennaan dubbadheera. Yennaan ani fakkeennaan hin dubbanne hin dhutti; marroo Abba'aa ammoo ifa tolchee isinitti hima. Guyyaa san, isin maqaa kiyyaan hin kadhattan; ani Abbaa isiniif kadhadha isiniin hin jedhu. Isin waan ana jaallattaneef, akka ani Waaqa biraa dhufelle waan dhugeeffattaneef, Abbaanuu isin hin jaallata. Ani Abbaa biraa bayee gara biyya lafaa dhufe; amma biyya lafaa lakkisee deebi'ee gara Abba'aa deemaara” jedhe. Achiin duuba barattooti isaa, “Ati amma fakkeenna malee, ifa tolchitee dubbatiisatti jirta. Amma akka ati waan mara beettu, gaaffii nami qabu adoo inni si hin gaafatinille akka beettu nuuti beenneerra. Tanaaf akka ati Waaqa biraa dhutte nuuti hin dhugeeffanna” jedhaneen. Yesuus deebisee, “Isin amma dhugeeffattaneertanii? Yennaan isin qofi na lakkittanee namuu gara mana ifii bittinnaawu dhufiisatti jirti; ammaayyuu dhutteerti; ani qofii tiyya hin hafa. Abbaan na woliin waan jiruuf, ani ammoo qofi hin jiru. Anaan nageenni akka isinii te'uuf ani tana isinitti himeera. Biyyi lafaa isin hin rakkitti; ammoo jabaadha'a! Ani biyya lafaa injifadheera” jedhe. Dubbii tana dubbateen duuba, Yesuus gara ol-gubba'aa ol ilaalee, “Abba'a, yennaan geetteerti. Ilmi keeti ulfinna akka sii kennuuf, Ilma keeti ulfeessi. Sababille worra ati isaaf kennite maraaf, jiruu bara bara akka kennuuf, ati kolbaa mara irratti baallii isaaf kenniteerta. Jiruu bara baraa jechuun si Waaqa tokkocha dhugaamessaa fi Yesuus Kiristoosii ati ergite beekiisa. Hujii ati akka ani hujuuf anatti kennite muummessiisaan lafa irratti ani si ulfeesseera. Abba'a! Ulfinnuma adoo biyyi lafaa hin dadamin dura ani si biratti qabu san, ammma ifi biratti anaaf kenni. “Biyya lafaa keessaa worra ati anaaf keenniteef maqaa keeti beessiseera. Isaan keetiiyyu, ati ammoo anaaf kennite. Isaan jecha keeti eegataneeran; amma isaan wonni ati anaaf kennite maraa si biraa akka dhutte beekaneeran. Jecha ati anaaf kennite ani isaaniif kenneera; isaanille fudhataneeran; akka ani si biraa dhufe dhugumaan beekaneeran; akka ati na ergitelle dhugeeffataneeran. ‘Ani isaaniif daadimadha; worri ati anaaf kennite keeti waan te'aneef, isaaniif daadimadha malee, biyya lafaatiif hin daadimadhu. Ka ani qabu maraa keeti, ka atille qaddu maraa kiyya; ulfinni kiyya isaaniin mudhata. Ani amma gara keeti dhufaara; haganaa achi biyya lafaa keessa hin jiraadhu; isaan ammoo biyya lafaa keessa jiran. Abbaa woyyu'u! Akkuma nuuti tokko teene, worri ati anaaf kennitelle tokko akka te'anuuf, maqaa keeti ka anaaf kenniteen, isaan eegi. Yennaa isaan woliin jiru, maqaa keeti ka ati anaaf kenniteen ani isaan eegeera; ani isaan tisseera; Barreeffam Woyyichi akka muummawuuf, isaan keessaa ilma badi'ii malee, tokkolle ka bade hin jiru. Ani amma gara keeti dhufaara; isaan gammada kiyya guutuu akka qabaatanuuf, dubbii tana biyya lafaa keessatti dubbadha. Ani dubbii teeti isaanii kenneera; akkuma ani ka biyya lafaa hin te'in, isaanille ka biyya lafaa waan hin te'iniif, biyyi lafaalle isaan jibbite. Ani akka ati hamaalessa irraa isaan eedduuf si kadhadha malee, akka ati biyya lafaa keessaa isaan baattuuf si hin kadhadhu. Akkuma ani ka biyya lafaa hin te'in, isaanille ka biyya lafaatii moti. Jechi keeti dhuga'a; dhuga'aan isaan woyyoonsi. Akkuma ati gara biyya lafaa ana ergite, anille gara biyya lafaa isaan ergereera. Isaan dhuga'aan ka woyyoomane akka te'anu, ani isaaniif jedhee ifi woyyoonsa. “Worra dubbii isaanii dhage'ee anatti dhugeeffatuufille daadimadha malee, isaan calla'aaf hin daadimadhu. Ani akka isaan maraa tokko te'anu daadimadha. Abba'a! Akkuma ati anaan jirtu anille akkuma si'iin jiru, isaanille nu'uun akka jiraatanu, akka ati na ergitelle biyyi lafaa akka dhugeeffattuuf daadimadha. Akkuma atii fi ani tokko teene, isaanille tokko akka te'anuuf, ulfinnuma ati anaaf kennite, anille isaaniif kenne. Ani isaaniin, atille anaan akkuma jirtu, isaanille ijjumaa tokko akka te'anu, biyyi lafaalle akka ati na ergitee fi akkuma na jaallatte, isaanille akka jaallatte akka beettuuf daadimadha. “Abba'a! Ati isaan anaaf kenniteerta; addee ani jiru na woliin akka isaan jiraatanu, biyyi lafaa adoo hin dadamin dura waan na jaallatteef, ulfinna ati anaaf kennite, akka isaan dhagganuuf barbaada. Abbaa balcha'a! Biyyi lafaa si hin beenne; ani ammoo si beeka; isaan kunille akka ati na ergite beekaneeran. Ani akka isaan si beekanu godheera; jaalalli ati na jaallatte isaan keessa akka jiraatuuf, anille isaan keessa akka jiraadhu, ammalle ittuma akka beekanu hin godha” jedhe. Yesuus daadimata kana daadimateen duuba, barattoota ifii woliin dhooqa Qedirooniitiin gama dhaqe. Addee san oorru'utti jira. Yesuusii fi barattooti isaa oorruu san seenane. Yesuusii fi barattooti isaa yennaa hedduu achitti waan wol dhagganuuf, Yihudaan dabarsee isa kenne addee san hin beekaayyu. Maarre Yihudaan loltoota worra Rooma'aa, eeddoota Galma Waaqaa ka mootota hayyootaatiin ergamanee fi Fariisaayota guuratee gara addee oorru'uu san dhaqe; isaan meya woraanaa hidhatanee faanosi'ii fi xassaa qabataneeran. Yesuus waan itti dhufaaru beekee, gara duraa itti deemee, “Eennu barbaaddan?” isaaniin jedhe. Isaan deebisanee, “Yesuusii biyya Naaziretii ti” jedhane. Inni, “Aninuu isa” isaaniin jedhe. Yihudaan isa dabarsee kennelle isaan woliin achi dhaabbateeraayyu. Yennaa Yesuus, “Aninuu isa” jedhe gara duubaa sissiqanee lafatti jigane. Ammalle Yesuus, “Eennu barbaaddan?” jedhee isaan gaafate. Isaan, “Yesuusii Naaziretii ti” jedhane. Yesuus deebisee, “ ‘Aninuu isa’ jedhee isinitti himeera. Isin, ana yoo barbaadiisatti jiraattane, worra kana lakkisa'a deemanuu ti” jedhe. Dubbiin inni tanaan dura, “Abba'a, worra ati anaaf kennite keessaa tokkolle hin ganne” jedhe akka muummottuuf tana dubbate. Simoon Pheexroos, goraadee qabateeru buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra isaa middicha irraa kute. Maaqaan garbicha saniille Maalkoos. Yesuus Pheexroosiin, “Goraadee keeti gonofa'atti deebisi! Muduunuu rakko'oo ta Abbaan kiyya akka ani unuuf anaa kenne ani hin unuu?” jedhe. Achiin duuba loltooti worra Roomma'aa worra isaan ajajuu fi Yihudoota Galma Waaqaa eeganu woliin Yesuus qabanee, hidhanee, matooma gara Haannaas isa geessane. Haannaas abbaa-soddaa Qayyaaffa'aa ti; Qayyaaffaan bara san Hayyicha Guddaa te'eeraayyu. Qayyaaffaan kunille, nami tokko kolbaa maraaf yoo du'e woyya jedhee Yihudoota baallii qabanu ka gorse. Simoon Pheexroosii fi barataan dhibiin Yesuus hordofane. Barataan dhibiin sun Hayyicha Guddaa biratti beekkamaa waan te'eef, Yesuus woliin gara dalleya mana hayyicha gudda'aa seene. Pheexroos ammoo karra duratti hafe. Barataan dhibiin, Hayyicha Guddaa biratti beekkame sun gad bayee, durrittii karra eeddutti himee, Pheexroos ol seensise. Durrittiin karra eeddu Pheexroosiin, “Ati barattoota namicha sanii keessaa tokkoo motii?” jette. Pheexroos deebisee, “Waawwo'o, anaa moti” jedhe. Boojjiin waan jirtuuf, tajaajiltootaa fi worri eeddotaa ibbidda cile'ee gabbisanee, naannoo isaa dhaabbatanee, o'ifatiisatti jiran. Pheexroosille isaan woliin dhaqee dhaabbatee o'ifate. Hayyichi guddaan marroo barattoota isaatii fi marroo barsiisa isaa Yesuus gaafate. Yesuus deebisee, “Ani mudhinnatti nama maratti dubbadheera; yennaa mara mana Waaqeffannaa Yihudootaatii fi Galma Waaqaa keessatti addee kolbaan marti wolitti qabantutti barsiiseera. Ani dhossa'atti waan tokkolle hin dubbanne. Ati maaf na gaafatta ree? Kolbaa na dhageette gaafadhu. Isaan waan ani jedhe hin beekan. Yennaa Yesuus tana jedhe, worra eeddotaa ka achi jiranu keessaa tokkko, “Hayyicha gudda'atti attam akkas deebittee dubbatta?” jedhee isa kabale. Yesuus deebisee, “Yoo ani dokonkora dubbadhee jiraadhe, dokonkora san nama as jirutti himi. Yoo ani sirrii dubbadhee jiraadhe ammoo ati maaf na dhootta?” isaan jedhe. Achiin duuba Haannaas, akkuma inni hidhamee jiruun, gara Qayyaaffaa hayyicha gudda'aa isa erge. Simoon Pheexroos adoo achi dhaabbatee ibidda o'ifatiisatti jiruu, worri dhibiin isaan, “Atille barattoota isaa keessaa tokkoo motii?” isaan jedhane. Pheexroos ammoo, “Waawwo'o, anaa moti” jedhee mormate. Garboota hayyicha gudda'aa keessaa tokko, firri namicha Pheexroos gurra irraa kutee, “Isa woliin orruu keessatti ani si hin dhagginee?” jedhee isa gaafate. Pheexroos ammalle mormate; yoosuma lukkuun iyyite. Barii halkaniin Yesuus mana Qayyaaffa'aatii gara galma bulchaa biyyaa geessane. Yihudooti baalli qabanu nyaata Jila Irra Dabaramaa nyaatiisaaf akka dande'anu, qulqullinna aadaa dhugeeffannaa isaanii eegatiisaaf waan barbaadaneef, galma bulchaa biyyaa hin seenne. Tanaaf Philaaxoos gara isaanii gad bayee, “Wonni isin namicha kana ittiin himattanu maan?” jedheen. Isaan deebisanee, “Adoo inni yakkaa tokko hin hujin nuuti gara keeti isa hin finnuuyyu” jedhaneen. Philaaxoos isaaniin, “Isinunti isa fuudha'aatii, akka seera keessaniititti itti mura'a” jedhe. Isaan, “Nuuti nama tokkolle ijjeesu'uuf seerri nuuf hin kennu” jedhanee deebisane. Dubbiin Yesuus du'a attamii akka du'uuf jiru dubbate akka muummottuuf tun teete. Philaaxoos gara galma ifii deebi'ee seenee, Yesuus waamee, “Ati mootii Yihudootaatii?” jedhee isa gaafate. Yesuus deebisee, “Gaaffii tana si'ummatti gaafata moo yookiin worra dhibi'itti marroo tiyya sitti hime?” jedhe. Philaaxoos deebisee, “Ati nama Yihudi'ii na seetaa? Kolbuma teetii fi mootota hayyootaatitti gara kiyya dabarsee si kenne. Ati maan gooteerta?” jedhe. Yesuus deebisee, “Mootummaan tiyya ta biyya lafa tanaatii moti; adoo mootummaan tiyya ta biyya lafa tanaa teetee, akka ani worra Yihudoota baallii qabanutti dabarfamee hin kennanne, silaa hordofattooti tiyya anaaf hin lolaniiyyu. Mootummaan tiyya ammoo ta biyya lafa tanaatii moti. Maarre Philaaxoos, “Ati mootii Yihudootaatii ree?” jedhee isa gaafannaan, Yesuus deebisee, “Akka ani mooti'ii atinuu jette. Ani marroo dhuga'aatiif dhugaa bayiisaaf dhaladhee, gara biyya lafaa dhufe. Ka dhuga'aa ka te'e ana hin dhage'a” jedhe. Philaaxoos, “Dhugaan maan inni?” jedhee gaafate. Achiin duuba Philaaxoos gara kolba'aa deebi'ee gad bayee, “Ani yakkaa isa himachiittu tokkolle isa irratti hin dhaggu. Ammoo ani yennaa Jila Irra Dabaramaa, yennaa mara nama hidhameeru tokko akka isinii hiiku barattaneertan. Mootii Yihudootaa akka ani isiniif hiiku barbaaddanii?” isaaniin jedhe. Jennaan isaan, “Waawwo'o, isaa moti! Barabbaa nuu hiiki!” jedhane itti hogisane; Barabbaan nama nama saamaa ture. Achiin duuba Philaaxoos Yesuus fuudhee dhaansise. Worri loltootaa dameelee qore'ee irraa kallacha hujanee mataa isaatitti kayane; achiin duuba woyaa dhiillee itti uffisane. Gara isaalle dhufaa, “Mootii Yihudootaa jiraadhu!” jedhaa isa kakabalane. Philaaxoos ammalle gad bayee gumi'iin, “Waan isa himachiisu tokkolle akka ani hin dhaggin akka ilaaltanu, kunoo, gara keessan gad isa hin baasa” jedhe. Maarre Yesuus kallacha qore'ee keyatee, woyaa dhiilleelle uffatee gad baye. Philaaxoos, “Kunoo! Namichi!” isaaniin jedhe. Moototi hayyootaatii fi eeddoti Galma Waaqaa yennaa isa dhaggane, “Fannis! Fannisi!” jedhanee hogisane. Philaaxoos isaaniin, “Isin fuudha'aatii, fannisa'a. Ani yakkaa tokkolle isa irratti hin dhaggine” jedhe. Gumiin, “Nuuti seera tokko qanna; inni ilma Waaqaa ifi godheera, akka seera keennaatitti du'uu qaba” jette. Philaaxoos yennaa tana dhage'e, ittuma caalchisee sodaate. Philaaxoos gara galma ifii deebi'ee, “Ati eessaa dhutte?” jedhee Yesuus gaafate. Yesuus ammoo waan tokkolle hin deebinne. Philaaxoos, “Ati anatti hin hintuu? Akka ani si hiikiisaa fi si fannisiisaafille baallii qabu hin beettuu?” isaan jedhe. Yesuus deebisee, “Waan Waaqaan baalliin sii kennanteef malee, ati silaa baallii ana irratti hin qadduuyyu. Tanaaf nami dabarsee sitti na kenne, yakkaamessa cubbuu cuubbuu caaltee ti” jedhe. Philaaxoos yennaa tana dhage'e, karaa Yesuus ittiin hiiku dhaggatiisaaf wodhaane. Gumiin ammoo, “Yoo isa hiitte, ati jaala mootii moototaa, ka biyya Rooma'aatii moti; nami mootii tokko ifi godhu marti, mootii moototaa, ka biyya Rooma'aatiin mormee isa lolu” jettee ittuma hogite. Philaaxoos yennaa dubbii tana dhage'e, Yesuus gad baasee, addee dhakaa baxxicha jedhantutti barcumaa mura'a irra tee'e; addeen sun afaan Ibrootaatiin, “Gabataa” jedhanti. Guyyaan sun ka Jila Irra Dabaramaatiif qophaawanu, gara sa'aatii jaa ti. Philaaxoos kolba'aan, “Kunoo, mootiin keessan” jedhe. Isaan, “Ijjeesi! Ijjeesi! Fannis!” jedhanee ittuma hogisane. Philaaxoos, “Mootii keessan fannisuu?” jedhee isaan gaafate. Moototi hayyootaalle, “Nuuti mootii moototaa ka biyya Rooma'aa malee, mootii hin qannu!” jedhanee deebisane. Achiin duuba Philaaxoos akka Yesuus fannifamuuf dabarsee isaanitti isa kenne. Isaanille Yesuus fuudhanee deemane. Achiin duuba Yesuus fannoo ifii ba'atee, gara addee, “Buqii mata'aa” yookiin afaan Ibrootaatiin, “Golgootaa” jedhantu dhaqe. Isaan achitti isa fannisane; namoota dhibiille lamaan, maddii maddi'itti, Yesuus wodhakkaa isaaniititti fannisane. Philaaxoos waan ittiin beessissu tokko barreessee fannoo gubbaa keye. Wonni inni barreesse, “Yesuus nama biyya Naaziretii, mootii Yihudootaa” jetti. Addeen Yesuus itti fannifame qachaa bira waan teeteef, barreeffama san kolbaa heddu'utti dubbise. Beessissi sun afaan Ibrootaatiin, afaan Rooma'aatii fi afaan Giriikiitiin barreeffame. Moototi hayyootaa Philaaxoosiin, “Namichi kun, ‘Ani mootii Yihudootaa ti’ jedheera jedhi malee, ‘Mootii Yihudootaa’ jettee hin barreessin” jedhane. Philaaxoos deebisee, “Ani waan barreesse barreesseera” jedhe. Loltooti Yesuus fannisaneen duuba, woyaa isaa addee afuritti qoodanee, tokko tokkoon qooda ifii fudhatane. Isaan ruufalle fuudhane; ruufi isaa ammoo gubba'aa haga jalaatitti dhowameera malee, hodhaa hin qabu. Loltooti, “Ruufa kana hin tarsaannu; hixaa itti buuffannee, akka eennu gewu ilaalluu ti!” woliin jadhane. Barreeffam Woyyichi: woyaa tiyya qoodamane, ruufa kiyyatti hixaa buufatane” jedhu akka muummowuuf kun te'e. Loltootille kanuma godhane. Fannoo Yesuusii cinaa, haati isaa, obbooleettiin haadha isaa, Maariyaamiin niitiin Qilopha'aatii fi Maariyaamiin Magdalaa dhaabbataneeraniiyyu. Yesuus haadha ifiitii fi barataa ifii ka jaallattu achi dhaabbatanuun yennaa dhagge, haadha ifiitiin, “Haadha tiyya, inni ilma keeti” jedheen. Achiin duuba barattichaan, “Isiin haadha teeti” jedheen. Yennaa sanii jalqabee barattichi mana isaa akka leetuuf gara mana ifii isii fudhate. Yesuus amma wonni marti hobba'iisa beekee, akka Barreeffam Woyyichi muummowuuf, “Ani dheebodhe” jedhe. Qoriin daadhiin woyni'ii dhangaggoottu'uun guutanteertu takka achi jirtiiyyu; maarre isaan ispoonjii daadhii woyni'ii dhangaggootuu xuuxisiisanee, damee muka hisoophi jedhamuu irra keyanee, gara afaan isaa ol qabane. Yesuus daadhii dhangaggoottuu san unee, “Hobbaate!” jedhe. Achiin duuba mataa gad qabatee lubbuu ifii dabarsee kenne. Guyyaan sun guyyaa itti qophaawanu guyaa jimaata waan te'eef, guyyaan itti aanulle guyyaa Sanbata jila guuddo'oo waan te'eef, Yihudooti baallii qabanu reeffi namootaa guyyaa Sanbataatiin fannoo gubbaa akka hin oolleef, miila worra fannifamaneeranu cassanee, fannoo irraa gad buusiisaaf, Philaaxoos kadhatane. Maarre loltooti dhaqanee miila worra Yesuus woliin fannifameeruu, dursanee miila namicha matoomaa, achiin duuba miila namicha kaaniille cassane. Isaan yennaa gara Yesuusii dhufane ammoo, inni duraanu akka du'eeru dhagganee, miila isaa hin cassine. Te'uu malee, loltoota keessaa tokkochi, woraana ifiitiin cinaacha Yesuusii woraannaan yoosuma dhiigii fi bisaan keessaa jige. Kana ka dhagge, akka isin dhugeeffattanuuf dhugaa bayeera; dhugaan inni bayelle dhuga'a; wonni inni dubbatulle dhugaa akka teete hin beeka. Kun Barreeffam Woyyichi, “Lafeen isaa tokkolle hin caddu” ka jedhu akka muummowuuf te'e. Barreeffam Woyyichi dhibiin, “Isaan kama woraanane san hin dhaggan” jedha. Kanaan duuba, Yoseefiin biyya Armaatiya'aa, ka Yihudoota baallii qaddu sodaatee, dhokaataan hordofataa Yesuusii te'eeru, reeffa Yesuusii fannoo irraa fuudhiisaaf Philaaxoos kadhate. Philaaxoos eeyyamee jennaan, Yoseef dhaqee reeffa Yesuusii fuudhe. Niqoodemoos, ka duraanuu halkaniin gara Yesuusii dhufeeru, qumbi'ii fi hargiisa wolitti makame, gara kiilograama soddoomii afurii qabatee, Yoseef woliin addee san dhaqe. Namooti lamaan reeffa Yesuusii fuudhanee akka aadaa Yihudooti reeffa maranutti, fiqiree woliin woyaa qoolaan marane. Addee inni itti fannifame san oorru'utti jira; orruu san keessa godi awwaalaa haarenni ka nami tokkolle itti hin awwaalaminitti jira. Guyyaa worri Yihudootaa itti qophowanu waan te'eef, godi awwaalaalle dhiyoo waan te'eef, reeffa Yesuusii achitti awwaalane. Guyyaa dilbataa ganama, barii halkan, Maariyaamiin qachaa Magdela'aa gara goda awwaalaa dhaxxee, dhakaan afaan goda awwaalaa irraa fuudhameeruun dhaggite. Isiin gara Simoon Pheexroosiitii fi barataa kaanii, ka Yesuus isa jaalatee, rukkittee dhaxxee, “Goottaa goda awwaalaa keessaa fuudhaneeran; isaan eessa akka isa keyaneeranu nuuti hin beennu” jettee isaanitti hinte. Achiin duuba Pheexroosii fi barataan kuun gara goda awwaalaa dhaqane. Isaan lamaanuu woliin rukkisanee, barataan kuun ammoo Pheexroos caalaa ariifatee rukkisee, dursee goda awwaalaa bira geye. Inni gad jedhee woyaa qoolaa ta ittiin marante achitti dhagge malee, keessa hin seenne. Simoon Pheexroos isa duubaan dhufee, boolla awwaalaa keessa seenee, woyaa qoolaatii fi woyaa mataa Yesuusiititti maraneeranulle achitti dhagge. Woyaan mataa Yesuusiititti maraneeranu, woyaa qoolaa ta ittiin marane woliin adoo hin te'in qofuu marantee achi jirti. Achiin duuba barataan Pheexroos dursee goda awwaalaa bira geye kuunille, keessa seenee, dhaggee dhugeeffate. Isaan Barreeffama Woyyicha, “Inni du'aa ka'uu qaba” jedhu haga ammaa hin hubanne. Achiin duuba barattooti lamaan sun gara manaa deebi'anee galane. Maariyaam goda awwaalaatiin ala dhaabbattee booyiisatti jirtiiyyu. Adoo booyiisatti jirtuu, gad jettee goda awwaalaa keessa ilaaltee, ergantooti Waaqaa lamaan uffana adii uffatanee, addee reeffi Yesuusii dur jiru, tokkochi gara mata'aatiin, kuun gara miilaatiin tee'aneeranuu dhaggite. Isaan, “Dubartii tana, maaf bootta?” jedhanee isii gaafatane. Isiin deebittee, “Goottaa kiyya fuudhaneeran; eessa akka isa keyaneeranu ani hin beeku!” jette. Achiin duuba isiin garagaltee Yesuus achi dhaabbateeruun dhaggite; ammoo akka inni Yesuus te'e hin beenne. Yesuus, “Dubartii tana, maaf bootta? Ati eennu barbaadda?” jedhee isii gaafate. Isiin, nama oorruu eegu isa seetee, “Goottaa kiyya, ati yoo isa asii fuutee jiraatte, eessa akka isa keette anatti him, ani dhaqee isa fudhadhaa” jetteen. Yesuus, “Maariyaam” isi'iin jedhe. Isiin gara isaa garagaltee afaan Ibrootaatiin, “Rabbunii” jetteen; akkas jechuun, “Barsiisaa” jechu'u. Yesuus, “Ana hin qabin! Sababille ani haga ammaa gara Abba'aa ol hin baane. Ammoo gara obboleeyyan tiyyaa dhaqiitii, ‘Ani gara Abbaa kiyyaatii fi Abbaa keessanii, gara Waaqa kiyyaatii fi Waaqa keessanii ol bayaara’ jedhiitii isaanitti himi!” jedhee isi'itti hime. Maarre Maariyaamiin gara qachaa Magdela'aa dhaxxee akka Goottaa dhaggiteertuu fi waan inni isi'itti hime barattootatti hinte. Dilbata san galgala, barattooti Yihudoota baallii qabanu waan sodaataneef, wolitti dacha'anee balbala cufataneeranuun, Yesuus dhufee odduu isaanii dhaabbatee, “Nageenni isiniif te'u!” jedhe. Tana jedheen duuba, cinaacha ifiitii fi harka ifii lamaan isaanitti mudhise. Barattooti Goottaa waan dhagganeef guddoo gammadane. Yesuus ammalle, “Nageenni isiniif te'u. Akkuma Abbaan ana erge, anille isin erga” isaaniin jedhe. Achiin duuba inni hafuura isaanitti baafatee, “Ayyaana Woyyicha fudhadha'a! Isin yoo cubbuu kolba'aa araarantane, isaan araara hin dhaggatan; isin yoo hin araaramin, isaan araara hin dhaggatanu” jedhe. Barattoota kudhanii lamaan keessaa, Toomaas, “Lakkuu” ka jedhame, yennaa Yesuus dhufe isaan woliin hin jiru. Maarre barattooti dhibiin, “Nuuti Goottaa dhaggineerra!” jedhanee itti himane. Toomaas isaaniin, “Madaa misimaaraa harka isaa lamaaniituu dhaggee, quba kiyya yoo keye malee, madaa cinaacha isaa keessalle harka kiyya yoo keye malee, ani hin dhugeeffadhu” jedhe. Torbaan tokkoon duuba ammalle barattooti isaa wolitti qabamanee mana keessa jiraniiyyu; Toomaasille isaan woliin jira. Balbalti cufanteertuun, Yesuus ammoo dhufee odduu isaanii dhaabbatee, “Nageenni isiniif te'u” jedhe. Achiin duuba inni Toomaasiin, “Quba keeti as fidii irra keyii, harka kiyya lamaan ilaali; harka keetille diriirsiitii madaa cinaacha kiyyaa keessa keyi. Dhugeeffadhu malee, hin mamin!” jedhe. Toomaas deebisee, “Goottaa kiyya, Waaqa kiyya!” jedhe. Yesuus isaan, “Waan ana dhaggiteef dhugeeffattee? Worri adoo ana hin dhaggin dhugeeffatu ka badhaadhe!” jedhe. Yesuus bilbaasota hedduu, ka kitaaba kana keessatti hin barreeffamin, barattoota ifii duratti hujeera. Bilbaasoti kun ammoo akka Yesuus Masiihii te'ee fi Ilma Waaqaalle te'e, itti dhugeeffatiisaan maqaa isaatiin jiruu akka dhaggattanu barreeffamane. Kanaan duuba, Yesuus qarqara abbaayaa Xiberiyaasiititti ammalle barattoota ifiititti mudhate. Akki inni itti mudhatelle akkas: Simoon Pheexroos, Toomaas, “Lakkuu” ka jedhame, Naataanaa'el nami qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa, ilmaan Zabedewoosiitii fi barattooti Yesuusii ta dhiibiin lamaan woliin jiraniiyyu. Simoon Pheexroos, “Ani qurxummii guuriisa dhaqaara” isaaniin jedhe. Isaanille, “Nuutille si woliin dhandhaa” jedhaneen. Maarre isaan gad bayanee hoboloo yaabane. Halkan san ammoo waan tokko hin qabanne. Yenna aduun baatu, Yesuus qarqara bisaanii dhaabbate; barattooti ammoo akka Yesuus te'e hin beenne. Achiin duuba inni isaaniin, “Ijoolle! Qurxummii woyii qaddanii?” jedhee isaan gaafate. Isaan, “Waawwo'o” jedhanee deebisane. Inni isaaniin, “Hobolo'oon gara middaatitti caccoo teessan buusa'a, hin guurattan” jedhe. Isaanille caccoo buusanee qurxummii hedduu waan qabaneef, harkisuu dadhabane. Barataan Yesuus isa jaalate, Pheexroosiin, “Gootta'aa be!” jedhe. Pheexroos akka inni Goottaa te'e yennaa dhage'e, woyaa facaafatu ta ifi irraa baafateeru uffatee gara abbaaya'aa utaale. Barattooti kuun gara ciqilee dhibba lamaa calla lafa irraa waan fagaataneeranuuf, caccoo qurxummiin guutte harkisaa, hoboloo keessa tee'anee, gara qarqara abbaaya'aa dhufane. Isaan yennaa qarqaratti bayane, daabbo'oo fi qurxummii kashila cile'ee irra jirtu achitti dhaggane. Achiin duuba Yesuus isaaniin, “Qurxumuma amma qabattane irraa fida'a” jedhe. Simoon Pheexroos hoboloo yaabee, caccoo qurxummiin gugurdoon dhibbaa fi shantamii sadii keessa guutte, gara lafaa harkise; adoo qurxummiin haga kana heddattuu, caccoon hin tarsaane. Yesuus isaaniin, “Kowa'aa diiranteeffadha'a!” jedhe. Isaan Goottaa te'uu isaa waan beekaneef, barattoota keessaa tokkolle, “Ati eennu?” jedhee gaafatiisaaf ka itti game hin jiru. Maaarre Yesuus dhufee, daabboo fuudhee, isaaniif kenne; qurximmiille akkasuma godhe. Yesuus eega du'aa ka'e, barattootatti mudhatuun isaa tun yennaa sadeesso'oo ti. Diiranteeffatanee ka'aneeranuun duuba, Yesuus Simoon Pheexroosiin, “Simoonii ilma Yohaannisii, worra kana caalaa na jaallattaa?” jedhe. Inni, “Ee, Goottaa, akka si jaalladhu atuu hin beetta” jedhee deebise. Yesuus isaan, “Ilmoolee tiyya dheedisiis ” jedhe. Yesuus lammeessoo, “Simoonii ilma Yohaannisii, ana jaallattaa?” jedheen. Inni, “Ee, Gootta'a, akka si jaalladhu atuu hin beetta” jedhee deebise. Yesuus, “Buruusoo tiyya tissi” jedheen. Yesuus yennaa sadeesso'oo, “Simoonii ilma Yohaannisii, ana jaallatta?” jedhe. Pheexroos waan inni sadeessoo, “Ana jaallattaa?” jedhee isa gaafateef gaddee, “Gootta'a, ati waan mara beetta; akka si jaalladhu atuu hin beetta” jedheen; Yesuus, “Hoolee tiyya bobbaas” jedheen. Ani dhugaa si'iin jedha: Ati yennaa dargaggeessaa, hidhattee gara barbaadde deentaayyu; yennaa dulloonte ammoo, harka keeti diriiffatteen, nami dhibiin sitti hidhee gara ati hin jaallanne si geessa” jedheen. Yesuus tana jedhiisaan, Pheexroos du'a attamii du'ee Waaqa akka ulfeessu'uuf jiru mudhise. Achiin duuba Yesuus, “Na hordofi!” isaan jedhe. Pheexroos garagalee barataan Yesuus isa jaallatu kuun Yesuus hordofuun dhagge; barataan kun ka irbaata irratti gara Yesuusii ittuma hiiqee, “Gootta'a, ka dabarsee si kennaaru eennu inni?” jedhee gaafate. Pheexroos yennaa isa dhagge, “Gootta'a, namichi kun maan te'a ree?” jedhee Yesuus gaafate. Yesuus, “Haga ani dhufutti akka inni le'u ani yoo fedhe maanti si dhibe? Na hordofi” jedheen. Maarre oduun, “Barataan kun hin du'u” jettu worra Yesuus hordofu oddu'utti odeeffante. Yesuus ammoo, “Haga ani dhufutti akka inni le'u ani yoo fedhe maanti si dhibe?” jedhe malee, inni hin du'u hin jenne. Ka waan kana dhugaa bayee fi ka waan kanalle barreesse baratuma kana; nuutille wonni inni dhugaa baye dhugaa akka teete hin beenna. Wonni Yesuus huje dhibiin heddu'utti jira. Marti isi'iituu tokko tokkoon adoo barreeffantee jiraattee, silaafuu biyyi lafaa duudiin kitaabota barreeffamanu kana dandeettee hin ba'attuyyuu jedhee herrega. Ulfaataa Tewoofiloos! Kitaaba kiyya ka kanaan duraa keessatti marroo waan Yesuus hujeetii fi barsiise duudii barreeseera. Wonni ani barreesselle gaafa Yesuus hujii ifii jalqabeen kaasee, haga guyyaa gara ol gubba'aa bayeetitti waan huje; inni ergantoota filateef, ajaja ifii karaa Ayyaana Woyyichaatiin kenneen duuba gara ol gubba'aa baye. Yesuus du'a ifiitiin duuba akka jiraataa te'e, deddebi'ee karaa hin mansiinneen mirkaneessaa haga guyyaa afurtamaa isaanitti mudhatee, marroo Mootummaa Waaqaalle isaanitti dubbate. Inni isaan woliin adoo jiruu, “Addii Abbaan kiyya isiniif kenne, ta ani isinitti hime san eegadha'a malee, Yerusaalemii hin bayina'a” jedhee isaan ajajaje. Ede'eelle Yesuus, “Yohaannis bisaaniin isin cuuphe; guyyaa diqqa'aan duuba ammoo Ayyaana Woyyichaan cuuphantan” jedhe. Yennaa wolitti qabamane ergantooti Yesuusiin, “Gootta'a, ati ammaa tana Israa'eliif Mootummaa deebittee kennaartaa?” jettee gaafatte. Yesuus isaaniin, “Yenna'aa fi bara Abbaan kiyya baallii ifiitiin murteesse beekuu hin dandeettanu; ammoo yennaa Ayyaanni Woyyichi isin irratti bu'u, hunna hin dhaggattan; yennaa san Yerusaalemitti, lafa Yihuda'aa duudi'itti, Samaariya'aa fi biyya lafaa duudi'itti dhugaa bayoota tiyya hin teetan” jedhe. Yesuus kana jedheen duuba, adoo isaan isa ilaalanuu gara ol-gubba'aa fudhatame; duumensille isaan duraa isa golle. Isaa ol bayiisatti jiru, ila hin caffatin adoo ilaaliisatti jiranuu, namooti lamaan ka woyaa adii uffataneeranu cinaa isaanii dhaabbatanee, “Isin namoota Galiila'aa, maaf asi dhaabbatanee gara gubba'aa ilaaltan? Yesuusiin isin duraa gara ol-gubba'aa fudhatame kun, gara ol-gubba'aa bayaaruun akkuma dhaggitane akkanuma deebi'ee hin dhufa” jedhane. Achiin duuba ergantooti gaara Ejersaa jedhamu irraa gara Yerusaalemii deebi'ane; gaarri Ejersaa Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira tokko fagaata. Isaan qachaa guddicha seenanee, gara kolloo mana mana gubba'aa ol bayane. Isaanille Pheexroos, Yohaannis, Yaaqoob, Indiryaas, Filiphoos, Toomaas, Bartolomewoos, Maatewoos, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Simoonii hinaatichaa fi Yihudaa ilma Yaaqoobii fa'a. Isaan duudiinuu dubartoota, Maariyaamii hadha Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa woliin wolitti qabamanee, yaada tokkoon daadimataaraniiyyu. Guyyaa diqqa'aan duuba, Pheexroos woli geyii dhugeeffattoota gara dhibbaaf diddama geettu tokko keessa dhaabbatee, “Obboleeyyan tiyya, Barreeffama woyyicha keessatti, marroo Yihudaa worra Yesuus qabeef sooressaa te'ee, dubbiin Ayyaanni Woyyichi afaan Daawwititiin dubbateeru muummowuu qaddiiyyu. Yihudaan qooda hujii teennaa nu woliin akka qabaatu waan filameeruuf, golii teenna te'eeraayyu. Namichi kun beesee hujii hammeenna ifiitiin dhaggate saniin, fichaa bitate; inni mata'aan lafa dhayee nafi isaa dho'ee, meeni gadha'aa jige. Worri Yerusaalem keessa le'anu duudiin waan kana dhage'ane; maarre isaan lafa san afaan ifiitiin ‘Akeldaamaa’ jedhane; akkas jechuulle “Lafa dhiigaa” jechu'u. “Kitaaba Faaru'uu keessatti, ‘Manni isaa ona te'uu ti; eennulle keessa hin le'in’; akkasuma, ‘Nami dhibiille sooressummaa isaa fudhatuu ti’ jedhantee barreefanteerti. Tanaaf yennaa Goottaan Yesuus odduu teennatti deddeebi'e duudi'itti nama nu woliin jiru keessaa, akkasuma cuuphaa Yohaannisiitiin jalqabee, haga guyyaa Yesuus nu biraa ol fudhatameetitti, worra nu woliin jiru kana keessaa tokkochi, du'aa ka'a Yesuusiitiif, nu woliin nama dhugaa bawu te'uu barabaachisa” jedhe Maarre isaan nama lamaan Yoseef ka barsaabaas yookiin Yosxos jedhamee waammamu fi Maatiyaas dhikeessane. Achiin duuba isaan, “Gootta'a, ati yaada nama duudi'ii beetta; nama lamaan kana keessaa, addee Yihudaan lakkisee gara addee ifii deemetti, ergamaa te'ee akka tajaajiluuf ka filatte nu'utti mudhisi” jedhaa daadimatane. Achiin duuba isaan namoota lamaan keessaa tokko filiisaaf hixaa yennaa buusane, hixaan Maatiyaas dhaqqabe. Maarre inni ergantoota kudhanii tokkotti dabalame. Jilti guyyaa shantameesso'oo ta “Phenxeqostee” jedhantu yennaa geette, dhugeeffattooti duudiin addee tokkotti wolitti qabamaneeraniiyyu. Dedhuma huuruun akka bubbee guddo'oo fakkaattu ol-gubbaa irraa dhuttee, mana isaan keessa jiranulle guutte. Achiin duuba wonni bobe'a ibiddaa fakkaatu isaanitti mudhate; gargar cicciteelle tokko tokkoo isaanii gubba'atti bu'e. Isaan duudiinuu Ayyaana Woyyichaan guutamanee, haga inni isaan dandeesisetti afaan adda addaatiin dubbatuu jalqabane. Yihudooti Waaqa sodaatanu ka biyya biyya lafaa keessa jirtu mara irraa dhufane Yerusaalem keessa jiraniiyyu. Yennaa huuruu tana dhage'ane, gumiin guddoon woliti qabante. Dhugeeffattooti afaan adda addaatiin dubbatanuun yennaa dhage'ane, isaan maadeffatane. Isaan baaseffataa maadeffataa, “Kunoo worri akkana dubbataaranu duudiin worra Galiilla'aatii motii? Attamiin ree isaan afaan keenna ka dhalootaatiin dubbatanuun, tokko tokkoon keenna dhageenna? Nuuti worra biyya Phaarte'ee, Meediya'aa, Elaamii, Mesophotaamiya'aa, Yihuda'aa, Qaphadooqiya'aa, Phanxoosii, Asiya'aa, Firiigiya'aa, Phinfiliya'aa, Gibxiitii fi lafa Liibiya'aa ta adaala qachaa Qereena'aa jirtu keessa leenu; gariin keenna worra biyya Rooma'aatii dhunne, worra Yihudi'iitii fi worra Yihuudii hin te'in ka dhugeeffannaa Yihudi'iititti galle; akkasuma worri Qarxeesiitii fi Arabaa jiran; kunoo isaan martinuu hujii baasaa ta Waaqi huje afaan keennaan dubbataaranuun dhageenna” jedhane. Isaan baaseffatanee, waan jedhanu dhabanee, “Wonni kun maan jechu'u?” jedhaa wol gagaafatane. Worri dhibiin ammoo, “Kolbaan tun daadhii woyini'ii untee machooteerti!” jedhaa itti murge. Yennaa san Pheexroos worra kudha tokko woliin dhaabbatee qoonqoo ol qabatee, gumi'iin, “Worri Yihuda'aatii fi isin worri Yerusaalem keessa leetanu duudiin, waan te'e kana beekiisaaf waan ani isiniin jedhu dhage'a'a. Amma ganama keessa saatii sad waan teeteef, Kolbaan tun akka isin heddane san machoottee hin jirtu. Tun ammoo afaan raagicha Iyyu'eliitiin, ‘Guyyaa muume'ee ani akkana tolcha jedha Waaqi: nama duudii irratti Ayyaana kiyya hin buusa. Ijoolleen tessan ta dhiiraatii fi ta durraa hin raagan; dargaggeeyyiin teessan mudhii hin dhaggiti, Maanguddooti teessanille oojjuu hin oojjatan. Guyyoota san keessatti, garboota dhugeeffatane ta dhiiraatii fi ta dubarti'ii irrattuu, Ayyaana kiyya hin buusa; isaanille raaga hin dubbatan. Ani ol-gubba'aatti baasa, gad lafa irralle'etti bilbaasa hin mudhisa. Dhiigaa fi ibiddi, hurrantaan aaraalle hin mudhata. Guyyaan Gootta'aa guddichii fi ulfaataan adoo hin dhufin dura, aduun hin dukkanti; jiinille diimaa akka dhiigaa te'a. Nami maqaa Gootta'aa waamu duudiin hin fayya’ jedhe. “Worra Israa'elii dubbii tana dhage'a'a! Akkuma isin beettanu, eennummaan Yesuusii Naaziretii, hujii guguurdoo baasaa fi bilibaasota Waaqi karaa isaatiin odduu teessanitti muummesseen mirkanooteerti. Nami kun akka Waaqi dur murteessee fi beekeen, harka keessanitti dabarfamee kenname; akka inni harka worra cubbaleyyi'iitiin fannifamee du'u gootane. Waaqi ammoo hunna du'aa jalaa bilisa baasee, du'aa isa kaase; sababille duuti isa qaddee hamburuu hin dandeenne. Daawwiti marroo isaatiif, ‘Ani yennaa mara Waaqa ifiin duratti dhagga; Inni midda kiyya waan jiruuf ani hin daaqu. Tanaaf gadhaan kiyyalle gammadeera; arrabi kiyyalle gammadaan guutameera. Akkasuma nafi kiyya du'aan addi'iin jiraata. Lubbuu tiyya addee worra du'aneetitti hin lakkittu; ati garbicha addatamaa keeti, addee awwaalaa keessatti akka tortoree hafu hin lakkittu. Ati karaa jiru'uu anatti mudhiteerta; Ana woliin jiraatuun keeti gammadaan na guutta’ hin jedha. “Obboleeyyan tiyya, abbootii teenna ta qaraa keessaa marroo mooticha Daawwitii ifa godhee isinitti hima. Inni du'ee awwaalameera; awwaalli isaalle haga ammaa asi nu'u bira jira. Daawwiti raagicha waan te'eef, Waaqi sanyii isaa keessaa tokko hin moosisa jedhee kaku'uun waadaa akka galeeruuf beekera. Tanaaf Daawwiti waan Waaqi gara duraa godhu dhaggee, marroo du'aa ka'iisa Masiihiitiif, ‘Inni addee awwaalaa keessatti isa hin lakkinne; foon isaalle awwaala keessatti hin tortorre’ jedhee raageera. Waaqi Yesuusii kana du'aa kaseera; nuuti duudille waan te'eeru kanaaf dhugaa baatota. Inni gara midda Waaqaa Abba'aatitti ol fudhatamee, Ayyaana Woyyicha isaaf waadaa galame, Abbaa biraa fuudhee erge; ka isin amma dhaggitanuu fi dhageettanu kun isa. Daawwiti gara ol-gubba'aa hin baane; teetuu malee inninuu, ‘Goottaan Goottaa kiyyaan, haga ani diinoota keeti ijjata miila keeti jala godhutti, asi maddii midda kiyyaatitti tee'i’ jedhee dubbateera. “Tanaaf Yesuusii isin fannittane, Waaqi Gootta'aa fi Masiihii akka godhe kolbaan Israa'elii duudiin dhugumaan beettuu ti!” jedhe. Kolbaan yennaa waan kana dhageette, wonni kun gadhaa isaan nyaatee, Pheexroosii fi ergantoota dhibi'iin, “Jarana maan goona?” jette. Pheexroos isaaniin, “Cubbuu teessaniif akka araarri kennamu, tokkoon tokkoon keessan cubbuu teessan irraa deebitanee, maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphama'a; kennansa Waaqaa, Ayyaana Woyyicha hin fudhatan. Waadaan Waaqi gale isiniif, ijoollee teessaniif, worra fagoo jiranuu fi worra Goottaan Waaqi keenna waameefille'eef” jedhee deebise. Pheexroos jecha hedduu dhibi'iin dhugaa isaanitti bayee, “Dhaloota badaa kanatti waan dhufu'uu jiru jalaa ifi baasa'a” jedhe gorse. Worri hedduun waan inni jedhu dhugeefatee cuuphame; gaafas dhugeeffattooti gara kuma sadii dabalamane. Isaan guyyaa mara barattoota irraa barataa, tokkumma'aan le'aa, sagalee woliin areerratiisaa fi daadimatiisaan jabaataa turane. Baasaa fi bilbaasi hedduun karaa barattootaatiin yennaa san waan hujatamiisatti jiruuf, martinuu soda'aan guutamane. Dhugeeffattooti duudiin addee tokko woliin jiraniiyyu; waan qabanu maralle woliin geyane. Isaan karraa fi meya ifii gurguranee, tokko tokkoofuu akka barbaachittetti beesee qoqoodane. Guyyaa guyya'aan Galma Waaqaa keessatti addee tokkotti wolitti qabamaa mana ifii keessalle'etti daabboo caccaffataa, gammadaa fi gadhaa qullu'uun areerrataa, Waaqalle leellifataa, nami duudiille isaan ulfeessaaraayyu. Goottaalle guyyuma guyya'aan worra fayyanu isaanitti dabale. Gaafa tokko Pheexroosii fi Yohaannis yennaa daadimataa saafoya saatii sagalitti, gara Galma Waaqaa deemane. Achi “Karra midhaadduu” jedhantu dura, namichi haga dhalatee jalqabee naafa te'e tokko jiraayyu; inni worra Galma keessa seenanu irraa akka beesee kadhatuuf guyyaa mara ba'atanee balbala dura isa keyan. Inni Pheexroosii fi Yohaannis gara keessaa seenaaranuun yennaa dhagge, akka wo isaa kennanuuf kadhate. Pheexroosii fi Yohaannis isa hubatanee ilaalanee, Pheexroos “Ol jedhii nu ilaal” jedheen. Maarre inni isaan irraa waan wo dhaggatu seyee, hubatee isaan ilaale. Pheexroos ammoo, “Ani beesee hin qabu; waan qabu ammoo si'iif hin kenna; maqaa Yesuus Kiristoosii Naaziretiitiin ka'ii ideemi” jedhe. Achiin duuba inni harka middicha isaa qabee ol kaase; yoosuma miilaa fi gulubiin isaa jabaatte. Inni ol utaalee miilaa ifiitiin dhaabbatee, ideemiisa jalqabe; Galma Waaqaa keessa isaan woliin seenee, asii fi achi deemaa u'utaalaa Waaqa leellifate. Nami duudiin inni ideemaa Waaqa leellifatuun dhaggane. Isaan inni kadhaticha karra “Midhaadduu” jedhantu dura tee'ee kadhatu kaan akka te'e yennaa beekane, waan namicha irratti te'e kanatti maalalanee baaseffatane. Yennaa namichi fayye sun Pheexroosii fi Yohaannis biraa hafuu dide, gumiin duudiin jajjee gara addee “Soroo Solomoonii” jedhantuu rukkitte. Pheexroos gumii wolitti qabante san dhaggee, “Worra Israa'elii maaf waan kana baaseffattan? Maaf nu hubattanee ilaaltan? Nuuti hunna teennaan yookiin hujii teenna dansa'aan nami kun akka ideemu waan goone seetanii?” isaaniin jedhe. Waaqi abbootii teennaa, ka Abrahaamii, ka Yisihaaqiitii fi ka Yaaqoobii, ilma ifii Yesuus ulfeesseera. Isin ammoo harka Philaaxosiititti dabarsitanee kennitane; Philaaxos isa lakkisiisaaf barbaadulle, isin isa diddane. Isin ammoo Yesuusii Woyyichaa fi balchichaa diddanee, ka nama ijjeese akka hiikamuuf kadhattane. Isin ka jiruu kennu ijjeettane; Waaqi ammoo du'aa isa kaase. Nuuti waan kanaaf dhugaa baatota. Namicha naafa te'e kanaaf hunna jabeennaa ka kenne hunna maqaa Yesuusii ti. Wonni isin dhaggitanuu fi beettanu maqaa Yesuusiitti dhugeeffatiisaan teete; akkuma isin duudiin dhaggitanu wonni isa fayyise, dhugeeffannaa inni Yesuusitti qabu. “Ammalle obboleeyyan tiyya, waan Yesuus irratti gootane, isinille akkuma bulchitoota teessanii wollaalchaan akka gootane hin beeka. Waaqi bara heddu'uun dura Masiihiin akka rakkattu afaan raagota maraatiin ka dubbate, karaa kanaan akka muummottu godheera. Maarre akka inni cubbuu teessan isiniif araaramu cubbuu irraa deebi'aatii, gara Waaqaa dacha'a'a. Waaqa irralle'ee barri isin itti haareffantanu hin dhufa; Waaqi masiihii dursee isiniif file Yesuus isiniif hin erga. Inni haga yennaan waan duuchi'ii hareffamiisaa geettutti, akkuma Waaqi karaa raagota woyyootaatiin woggaa heddu'uun dura lallabe ol-gubba'atti turuu qaba. Muuseen, ‘Goottaan Waaqi keessan akkuma amma ana kaase, kolbaa teessan keessaa raagaa tokko isiniif hin kaasa; waan inni isinitti himu mara dhage'a'a. Nami ragicha san dhage'uu didu duudiin, kolbaa Waaqaa irraa adda bayee hin bada’ jedheera. Raagoti Samu'eliin jalqabanee ka'anee fi dubbatane duudiinuu, waan bara kanaa dubbataneeran. Isin sanyii ragotaati; akkasuma gondooroo Waaqi abbaa keessan Abrahaamiin, ‘Ani karaa sanyii teetiitiin kolbaa lafaa duudii hin eebbisa’ jedhee gondoore worra dhaalu. Tanaaf Waaqi karaa hamaa keessan irraa deebisee isin eebbisu'uuf, tajaajilaa ifii Yessuus filee dursee isiniif erge” jedhe. Pheexroosii fi Yohaannis adoo kolba'atti dubbatiisatti jiranuu hayyooti, dura buutoti eeddota Galma Waaqatii fi Saduqooti itti dhufane. Ergantooti lamaan akka Yesuus du'aa ka'ee fi worri du'elle akka du'aa ka'u waan kolbaa barsiisaneef, jarri tun isaanitti aarte. Marre isaan Pheexroosii fi Yohaannis qabanee, latti waan dhiiteertuuf haga bariitu mana hidha'aa galchane. Ammoo worra jecha isaanii dhage'e keessaa worri hedduun dhugeeffate; laakkossi worra dhugeeffatee gara kuma shanii guddate. Boruyyaa soressitooti Yihudootaa, jaarsole'ee fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yerusaalem keessatti wolitti qabamane. Worra wolitti qabame san keessa hayyichi guddaan Haannaas, Qayyaafaan, Yohaannis, Iskindrosii fi maatiin Hayyicha gudda'aalle achi jiran. Isaan Pheexroosii fi Yohaannis ifiin dura dhabbachiisanee, “Hunna maaniitiin yookiin maqaa eennuutiin Kana gootane?” jedhanee gaafatane. Pheexroos Ayyaana Woyyichaan guutamee, “Isin bulchitooti kolba'aatii fi jaarsoleen, marroo waan dansaa namicha naafa kanaaf godhamee nu gaafattanii? Ka isa fayyiselle eennu akka te'e nu gaafattanii? Namichi amma fayyee isin dura dhaabbattu kun, maqaa Yesuus Kiristoosii nama Naaziretiitiin akka fayye, marti keessanii fi kolbaan Israa'elii martinuu beeka'a! Isin Yesuus fannittanee ijjeettane; Waaqi ammo du'a keessaa isa kaase. Inni dhakaa isin worri mana ijaaru tuffattane, ka ammoo dhakaa dhakaa mara caalu ite'e. Fayyinni karaa Yesuus Kiristoosii qofaan malee, karaa dhibi'iin hin jiru; akka nuuti ittiin fayyinuuf, maqaan Waaqi namootaaf kenne, isa qofa malee, biyya lafaa duudii irra ka dhibiin hin jiru” jedhe. Pheexroosii fi Yohaannis sodaa malee akka dubbatane miseensoti koraa yennaa dhaggane, akka isaan barumsa guddaa hin qanne waan beekanuuf, worri kora mura'aa baaseffatane. Teetu malee akka isaan Yesuus woliin turaneeranu isaaniif gale. Ammoo namichi fayye sun, Pheexroosii fi Yohaannis woliin dhaabbateeruun waan dhagganeef waan jedhanu dhabane. Maarre isaan akka Pheexroosii fi Yohaannis mana mura'aa keessaa gad bayanu ajajanee, achiin duuba woliin mari'atiisa jalqabanee, “Jara tana maan goona? Bilbaasi kun karaa isaaniitiin akka hujame namooti Yerusaalem keessa jiranu duudiin hin beekan, bilbaasi kun hin teene jennee hin dandeennu. Ammoo wonni kun akka hin babadhanne, maqaa Yesuusiitiin ijjumaa deebi'anee nama tokkolle'etti akka hin dubbanne, kowa'a isaan seerraa” jedhane. Achiin duuba isaan Pheexroosii fi Yohaannis ammalle gara keessaa deebisanee waamanee maqaa Yesuusiitiin ijjumaa akka hin dubbanne yookiin hin barsiinne itti himane. Pheexroosii fi Yohaannis ammoo deebisanee, “Waaqaaf ajajamiisa irra isiniif ajajamiis Waaqa duratti sirri'ii? Me isinuu mura'a. Nuuti waan ifii dhagginee fi dhageenne himiisa hin lakkinnu” jedhane. Maarre Korri mura'aa jabeessee isaanitti seeree akkanumaan isaan gad lakkise; kolbaan duudiin sababa bilbaasa te'eetiif waan Waaqa leellisiisatti jirtuuf, karaa dande'anee isaan adabanu hin dhagganne. Namichi bilbaasi kun irratti hujame woggaan isaa afurtama caala. Pheexroosii fi Yohaannis akkuma gad lakkiffamaneen, gara jara ifii deebi'anee waan moototi hayyootaatii fi jaarsoleen Yihudootaa isaaniin jedhane itti himane. Isaan tana yennaa dhage'ane, qoonqoo ifii addee tokkotti ol qabatanee daadimataan gara Waaqaa, “Gootta'a, ol-gubbaa, lafa, Abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru duudii ka dade si'i. Ayyaana Woyyichaan, afaan garbicha keeti Abbaa abbootii teennaa Dawwitiitiin, ‘Worri Yihudoota hin te'in maaf aarane; ‘Kolbaan mala bu'aa hin qanne maaf dhootte? Moototi lafaa ifi qopheeffatanee, bulchitootille wolitti qabamanee, Gootta'aa fi Masiihii isaa irratti ka'ane’ ka jette si'i. “Dhugumaan qachaa kana keessatti Heroodisii fi Ponxoos Philaaxoos, worra Yihudoota hin te'inii fi kolbaa Israa'elii woliin, tajaajilaa keeti Woyyicha, ka ati Masiihii goote Yesuusitti ka'ane. Isaan waan ati hunna teetii fi fedhii teetiin akka teetuuf murteertu muummessane. Ammalle Gootta'a, sodaachisaa isaanii tana ilaali, nuuti tajaajiltooti teeti sodaa malee akka dubbannu nu godhi. Karaa maqaa tajaajilaa keeti woyyicha Yesuusiitiin dhibee irraa akka fayyanu, baasaa fi bilbaasi akka godhamu harka keeti diriirsi” jedhane. Isaan daadimataneen duuba, addeen isaan itti wolitti qabamane tachoote. Isaan duudiin Ayyaana Woyyichaan guutamanee sodaa malee jecha Waaqaa lallabane. Dhugeeffattooti martinuu yaadaa fi gadhaa tokkoon jiraniiyyu. Isaan keessaa nami tokkolle, “Kun kiyya” waan jedhu hin qabuuyyu; isaan waan qabanu mara wolumaan qabaniiyyu. Ergantooti hunna guddo'oon du'aa ka'iisa Goottaa Yesuusii dhugaa bayane. Waaqille isaan mara irratti eebba guddaa jisseeraayyu. Isaan keessa rakkataan tokkolle hin jiru. Worri lafa yookiin mana qabanu martinuu gurguranee beesee fidanee, ergantootatti kennaniiyyu; ergantootille akka barbaachisaa te'etti beesee tokko tokkoofuu qoqoodaniiyyu. Lewwichi tokko, ka Yoseef jedhamu, Qophiroositti ka dhalate, ka ergantooti “Baarnaabaas” jettee waantu tokko jiraayyu; akkas jechuun “Ka nama jajjabeessu” jechu'u; inni lafa qabu gurguree, beesee fidee ergantootatti kenne. Namichi Anaaniyaa jedhamu tokko jiraayyu; inni haadha manaa ifii Safiiraa woliin lafa qabanu takka gurgurate. Ammoo haadha manaa ta ifii woliin wolii galiisaan beesee irraa hamburatee, taan fidee ergantootatti kenne. Pheexroos isaan, “Anaaniyaas! Akka ati Ayyaana Woyyicha sodduu fi beesee lafa itti gurguratte akka hambifattu, seexanni yaada keeti akka toowatu maaf itti lakkitte? Adoo ati hin gurgurin dura, latti teetumaa motii? Eega gurgurteen duuballe beeseen teetumaa motii? Maaf waan akkasii tolchiisaaf yaadatte ree? Ati Waaqa sodde malee, namaa moti” jedheen. Anaaniyaas akkuma jecha kana dhage'een, jigee du'e; worri marroo waan kanaa dhage'ane duudiille bararaqane. Dargaggooti dhufanee, reeffa isaa maranee, geessanee awwaalane. Gara sa'aatii sadiitiin duubatti, haati manaa isaa waan te'eeru adoo hin beekin dhutte. Pheexroos isi'iin, “Me natti himi, beeseen isin lafa teessan itti gurgurattane haguma kanaayyuu?” jedhee gaafate; Isiille deebittee, “Eeti, haguma kana” jetteen. Maarre Pheexroos isi'iin, “Atii fi Abbaan manaa keeti Ayyaana Gootta'aa haga ilaaliisaaf maaf wolii galtane? Namooti Abbaa manaa keeti awwaalane kunoo ammaa balbala dura jiran, isaan si'ille ba'atanee hin baasan” jedhe. Isiin yoosuma miila Pheexroosii jalatti jiddee duute. Dargaggooti yennaa dhufane duuteertuun dhagganee, ba'atanee baasanee abbaa manaa isi'ii biratti awwaalane. Wolde'ooti kiristaanaatii fi worri waan kana dhage'ane duudiin bararaqane. Baasaa fi bilibaasi hedduun kolbaa oddu'utti ergantootaan hujamane. Dhugeeffattooti duudiin soroo manaa ka Solomoonii jalatti wolitti qabamaaraniiyyu. Worra dhibii keessaa isaanitti makamiisaaf ka itti game tokkolle hin jiru; te'ulle kolbaan isaan ulfeessitiiyyu. Ammoo worri Gootta'atti dhugeeffatane gumiin hedduun dhiiraa fi dubartiin isaanitti ede'amane. Yennaa Pheexroos karaa san dabaru gaaddidduumaan isaalle isaan keessaa tokko tokko akka tuxxuuf, worra dhibameeru taqe'ee fi itille'een fidanee karaa irra keyane. Kolbaan qachoota adaala Yerusaalemii jiranu, worra dhibameeruu fi worra ayyaana hama'aan qabameeru fidane; isaan martinuu fayyine. Achiin duuba Hayyichi gudda'aa fi worri isa woliin jiru, ka isa gargaaranu saaduqoota duudii woliin hinaaffa'aan guutamanee ergantoota irratti ka'ane. Isaan ergantoota qabanee mana hidha'aatitti galchane. Halkan san ammoo ergamaan Waaqaa balbala mana hidha'aa banee, ergantootaan dura deemaa, gad baasee, isaaniin, “Dhaqa'aatii Galma Waaqaa keessa dhaabbadha'aa, marroo jiruu haareya tanaa, kolba'atti hima'a” jedhe. Isaan dubbii tana fudhatanee, akkuma latti bariiteen Galma Waaqaa seenanee barsiisuu jalqabane. Hayyichi guddaan worra isa gargaaranu woliin dhufee, miseensota kora mura'aatii fi jaarsota Yihudootaa woliti waamee, ergantoota worra hidhamaneeranu san fichisiisu'uuf gara mana hidha'aa nama erge. Worri ergamane ammoo, barattoota mana hidha'aa keessaa dhabanee, gara Kora Mura'aa deebi'anee, “Nuuti yennaa mana hidha'aa geenne, balbalti jabeeffantee cufantee, eeddoti balbala dura jiranuun dhaggine; ammoo yennaa balbala banne, namuu keessatti hin dhagginne” jedhane. Mootichi hayyootaatii fi dura bu'aan eeddota Galma Waaqaa yennaa waan kana dhage'ane, waan ergantoota irratti te'e baaseffatanee, waan godhanu wollaalane. Achiin duuba nami tokko dhufee isaaniin, “Dhage'a'a! Namooti isin mana hidha'aa galchitane Galma Waaqaa keessatti, kolbaa barsiisiisatti jiran!” jedhe. Maarre dura bu'aan Galma Waaqaa worra isa woliin huju woliin dhaqee ergantoota fidee dhufe. Isaan kolbaan dhaka'aan nu tumti jedhanee waan sodaataneef, hunnaan hin finne. Isaan ergantoota fidanee, Kora Mura'aa dura dhaabbachiisanee, hayyichi guddaan isaan qoree, “Akka isin maqaa Yesuusiitiin hin barsiinne, jabeessinee isin seerreerraayyu, ammoo waan hujjane ilaala'a! Barsiisa keessan Yerusaalem duudii keessa babadhittaneertan; du'a isaatille'eef worra itti gaafatamu nu godhiisa barbaaddan” jedhe. Pheexroosii fi ergantooti worri dhibiin deebisanee, “Nuuti namaaf ajajamuu irra, Waaqaaf ajajamuu qanna. Waaqi Abbootii teennaa, Yesuusii isin muka irratti fannittanee ijjeettane du'aa kaseera. Akka Yesuus kalbaa Israa'elii cubbuu irraa deebisee araara cubbu'uu kennuuf, Waaqi sooressaa fi fayyisaa godhee midda ifiititti ol isa fuudheera. Nuuti waan kanaaf dhugaa baatota; Ayyaanni Woyyichi, ka Waaqi worra isaaf ajajamuuf kennulle dhugaa baya'a” jedhane. Korri Mura'aa yennaa waan kana dhage'ane, guddoo aaranee ergantoota ijjeesiisa barbaadane. Isaan keessaa ammoo Fariisaayichi, barsiisaa Seera Muuse'ee te'e, maqaan isaa Gamaali'el ka jedhamu, ka nami duudiin guddoo ulfeessu tokko, Kora Mura'aa keessaa ol ka'ee, ergantoota san yennaa diqqoo ala akka tursiisanu ajaje. Achiin duuba inni kora Mura'aatiin, “Kolbaa Israa'elii! Waan jara tana gootanu irratti ifi eegadha'a. Tanaan dura namichi Toyidaas jedhamu ka'ee, ani nama jaba'a ifiin jedhe; namooti gara dhibba afurii te'anu isa woliin hujane. Ammoo inni ijjeeffamee, worri isa woliin huju duudiin bittinnowanee, wonni sun achumatti dhumatte. Akkasuma Yihudaan namichi Galiila'aa, bara kolbaan laakkowante ka'ee, namooti hedduun akka isa hordofanu godhe, ammoo innille ijjeefamee jennaan, hordofatooti isaa duudiin bittinnootte. Maarre ammalle, jara tana irratti waan hantuu tokkolle akka hin goone ani isinittii hima. Isaan lakkisa'a! Wonni isaan yaadanee hujane nama irraa yoo teete, hin baddi; ammoo yoo ta Waaqa irraa dhutte teete, isaan balleessuu hin dandeettanu; isin ifiifuu Waaqaan loltanuun ifi dhaggitan” jedheenii jennaan, isaanille gorsa Gamaali'elii fudhatane. Isaan ergantoota ol waamanee deebisanee, dhaananee, lammeessoo maqaa Yesuusiitiin akka hin dubbanne ajajane; achiin duuba gad lakkisane. Ergantooti Yesuusiif farriisaa fi salphatiisa akka waan dansa'aatitti laakkowanee, gammadaan Kora Mura'aa biraa gad bayane. Isaan guyyuma guyya'aan Galma Waaqaa keessaa fi mana kolba'aa keessatti, Oduu Gammadaa ta Yesuusii Masiihiicha te'ee, barsiisiisaa fi lallabiisa hin lakkinne. Yennaa diqqo'oon duuba laakkossi barattootaa akkuma heddataa deemeen, Yihudooti afaan Giriikii dubbatanu Yihudoota biyya Yihuda'aatitti dhalatane irratti gungumane; haadhotiin hiyyeessaa ta Yihudoota afaan Giriikii dubbatanuu, gargaasa guyyaa guyya'atti dhaggataa turane waan dagatamaneef gungumane. Maarre ergantooti kudhanii lama dhugeeffatoota duudii wolitti waamanee, “Nuuti sagalee qoodiisaaf jennee Jecha Waaqaa lallabiisa irraanfatuun nu'uuf hin malle. Maarre obboleeyyan, namoota hujii tana itti kenninu, worra maqaa dansaa qabu, ka Ayyaanni Woyyichii fi qarummaan keessa guutte, odduu teessanii namoota torba fila'a. Nuuti ammoo daadimataa fi hujii Jecha Waaqaa lallabiisaatiif yennaa teenna mara kennina” jedhane. Nami duudiin yaada ergantootaa jaallatee, Isxifaanos ka jedhamu dhugeeffanna'aa fi Ayyanni Woyyichi ka keessa guute filane; akkasuma Filiphoosii fi Phirokoros, Niqaaroona'aa fi Ximoonaa, Pharmena'aa fi Niqolaawosii nama biyya Anxokiya'aa ka dhugeeffannaa Yihudootaa dur fudhateerulle filane. Isaan worra kana duudii ergantoota dura dhaabbachiisane; ergantootille harka ifi isaan irra keyanee daadimatane. Jechi Waaqaa badhataa deeme, laakkossi dhugeeffattootaa Yerusaalem keessatti guddataa guddatuma deeme; hayyooti heddulle dhugeeffatane. Isxifaanos badhaadhaa fi hunna Waaqaatiin guutamee baasotaa fi bilbaasota guddaa odduu kolba'aatitti huje. Yennaa san Yihudooti miseensota, “Mana waaqeffannaa worra bilisa bayee” jedhamuu, worri Qareena'aatii fi Iskindiriya'aa, worri biyya Qiliiqiya'aatii fi Asiya'aatii dhufane tokko ka'anee Isxifaanositti falmane. Te'uu malee, qarumma'aa fi Ayyaana Isxifaanos ittiin dubbatu mormiisa hin dandeenne. Maarre isaan, “Dubbii Muuse'ee fi Waaqa faanshessitu isaa dubbatu dhageenneerra” akka jedhanuuf namoota dhossa'aan itti tirtirsane. Akkuma kanaan isaan kolbaa, jarsole'ee fi barsiisota Seera Muuse'ee itti tirtisanee, Isxifaanos qabanee fuudhanee kora mura'aa dura dhikeessane. Achiin duuba isaan namoota garii ka dharaan dhugaa isa irratti bayanu fidane. Dhugaa baatoti dharaa tuun, “Namichi kun, Galma Waaqaa woyyicha keennaa fi Seera Muuse'ee irratti yennaa mara morma. ‘Yesuusiin nama Naaziretii Galma Waaqaa hin diiga, aadaa Muusee irraa gad nu'uuf dhuttelle duudii hin jijjiira’ jedhuun dhageenneerra” jedhane. Worri Kora mura'aa keessa tee'eeru duudiin hubatanee Isxifaanos yennaa ilaalanu, fuulli isaa akka fuula ergamaa Waaqaa te'ee dhaggane. Hayyichi guddaan, “Wonni siin jedhanu kun dhuga'aa?” jedhee Isxifaanos gaafate. Isxifaanosille deebisee, “Obboleeyyanii fi abbootii tiyya, na dhage'a'a! Abbaan keenna Abrahaam lafa Kaaraanii le'iisaaf adoo hin deemin dura, ulfinni Waaqaa Mesophotaamiyaa keessatti isatti mudhatee, ‘Fira keetii fi biyya teeti lakkisiitii gara lafa ani si'itti mudhisuu deemi’ jedheen. Achiin duuba inni biyya ifii Kaldiyaa lakkisee, Kaaraan keessa le'iisaaf deeme. Abbaan isaa du'een duuba, Waaqi gara lafa amma isin leetanu tanaa isa fide. Teetuu malee Waaqi lafa haga faana miilalle isaaf hin kennine; ammoo yenna san Abrahaam ilma qabaatuu dhabulle, Waaqi lafa san isaa fi sanyii isaatiif akka kennu, waadaa galeeraayyu. Waaqi karaa kanaan Abrahaamiin, ‘Sanyiin teeti lafa ormaa keessa galtuu teetee hin leeti; achitti garboontee haga woggaa dhibba afurii hin cunqurfanti. Ani ammoo kolbaa isaan garboonsite sanitti hin mura; achiin duuba sanyiin teeti lafa san keessaa baatee asitti ana hin waaqonsiti’ jedheera. Achiin duuba Waaqi gondooroo haqanqaba'aa Abrahaamiif kenne; maarre Abrahaam ilmi isaa Yisihaq dhalateen duuba, guyyaa saddeetesso'oo haqanqabaa qabe; akkasuma Yisihaqille ilma ifii Yaaqoob haqanqaba qabe; Yaaqoobille abbootii gosa Israa'elii ka te'ane, ilmaan ifii kudhanii lama haqanqabaa qabe. “Ilmaan Yaaqoobii obboleessa ifii Yoseef hinaattee, garba akka te'uuf biyya Gibxiititti isa gurgurte; Waaqi ammoo isa woliin jiraayyu; rakkoo mara keessalle'ee isa baase. Yoseef mooticha lafa Gibxi'ii Fara'oon dura yennaa dhikaate, Waaqi arnyaa fi qarooma isaaf kenne; mootichille bulchaa biyya Gibxi'iitii fi ajajaa qabeenna mana ifii isa godhe. Bara san biyya Gibxi'iitii fi Kana'aanii maratti beelti rakkoo guddoo fidde; abbootiin teennalle waan nyaattu dhaggatuu hin dandeenne. Yaaqoobille biyya Gibxi'ii keessa midhaan akka jiru yenna dhage'e, yennaa jalqabaatiif, abbootii teenna ka te'ane, ilmaan ifii achi erge. Yennaa isaan lammeessoo dhaqane, Yoseef eennummaa ifii obboleeyyan ifiititti hime; mootichi biyya Gibxi'iille maatii Yoseefii beeke. Maarre Yoseef, worri duudiin nami torbaatamii fi shan martinuu, gara biyya Gibxi'ii akka dhufanu, abbaa ifii Yaaqoobitti erge. Tanaaf Yaaqoob gara biyya Gibxi'ii dhaqee, innii fi ilmaan isaalle achitti du'ane. Lafeen isaanii gara lafa Shekem jedhantu geeffantee, addee awwaalaa lafa Abrahaam beesee ifiitiin gosa Hamorii irraa bitetti awwaalante. Waadaan Waaqi Abrahaaamiif gale muummoyisaaf yennaa dhikaate, laakkossi kolbaa teennaa ka biyya Gibxii keessaa heddata deeme. Muummee irratti, mootichi marroo Yoseefii hin beenne tokko biyya Gibxi'ii bulchiisa jalqabe. Mootichi kun abbootii teenna gowwoonsee gadhaa itti jabaatee, daa'immaan isaanii akka duutuuf, ala baasanee akka gatanu dirqansiise. Bara san Muuseen dhalate; inni daa'ima shaggicha; haga ji'a sadii mana abbaa ifii keessatti guddate. Inni yennaa alatti gatame, intalti Fara'oonii isa fuutee, akka ilma ifiititti gudditte. Muuseen qarooma worra Gibxi'ii duudii baratee dubbi'ii fi hujiile'een nama jabaa te'e. Inni woggaa afurtama yennaa geye, kolbaan Israa'elii akka itti jirtu ilaaliisaaf yaadate. Muuseen yennaa namichi biyya Gibxi'ii tokko nama Israa'elii tokko miidhuun dhagge rogeefii, namicha biyya Gibxi'ii dhoyee ijjeese. Muuseen karuma isaatiin Waaqi bilisa akka isaan baasu, kolbaan waan hubbattu seyeeyyu; isaan ammoo hin hubanne. Boruyyaa nami lama ka gosa Israa'elii wol lolanuun dhaggee, wolitti araarsiisaaf barbaadee, ‘Jarana, isin obboleeyyan; maaf wol loltan?’ jedheen. Namichi lola kaase ammoo Muusee achi darbee, ‘Nu'u irratti eentu bulcha'aa fi abbaa mura'aa si godhe? Akkuma kalee namicha Gibxi'ii ijjeette, analle ijjeesuu barbaaddaa?’ jedheen. Muuseen yennaa tana dhage'e, biyya Gibxi'ii keessaa dheetee, gara lafa Miidiya'aa galee le'e. Achitti ijoollee lama uumate. “Woggaa afurtamaan duuba, lafa goomole'ee keessatti Gaara Siina'aa biratti bobe'a tusee gabbattuu keessatti, ergamaan Waaqaa Muuse'etti mudhate. Muuseen waan kana yennaa dhagge baaseffatee, ilaaliisaaf itti dhikaate. Ammoo inni qoonqoo Gootta'aa, ‘Ani Waaqa abbootii teetii, Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaaqiitii fi Yaaqoobii ti’ jettu dhage'e. Muuseen soda'aan rorommee, ilaaliisafille itti hin gamne. Goottaan Muuse'een, ‘Addeen ati dhaabbateertu lafa woyyittii waan teeteef, kophee teeti baafadhu. Ani dhugumaan rakkinna kolbaa tiyyaa ta biyya Gibxi'ii keessaa dhaggeera. Ani iyya isaanii dhage'eera; isaan bilisa baasiisaafille gad dhufeera. Amma koyi; ani gara biyya Gibxi'ii si ergaara’ jedhe. “Kolbaan Israa'elii Muuse'een, ‘Nu irratti eentu bulcha'aa fi abbaa mura'aa si godhe?’ jettee isa jibbiteertiiyyu. Te'uu malee Waaqi Muusuma kana karaa ergamaa Waaqaa ka tusee keessatti itti mudhateetiin, bulcha'aa fi ka bilisa baasu godhee gara isaanii erge. Inni Gibxi'ii fi Abbaayaa Guddittii Diintuu irratti baasaa fi bilbaasa hujaa, kolbaa sooressaa, biyya Gibxi'ii keessaa baase. ‘Waaqi akkuma ana kaase, raagaa tokko odduu teessaniinuu isiniif hin kaasa’ jedhe ka dubbate Muusuma kana. Inni abbootii teenna woliin lafa goomolee keessa jiruun, gaara Siinaa gubba'atti ergamaan Waaqaa ka itti dubbate isuma; Jecha Waaqaa ka jiru'uu ka nu'uuf dabarselle Muusuma kana. Abbootiin teenna ammoo, isaaf ajajamuu diddee, gadhaa ifiititti gara biyya Gibxi'ii deebi'iisaaf yaadatte. Maarre isaan Aaroniin, ‘Muuseen biyya Gibxii keessaa nu baase kun waan te'e wollaallee, waaqota nu sooressanu nuu huji’ jedhane. Yennaa san isaan waaqa dharaa jabbii fakkeessanee hujanee, ciincaa dhikeessaneef; waan hujane sanitti gammadane. Waaqi ammoo isaan irraa garagalee, urjoota ol-gubba'aa akka sagadanuuf dabarsee isaan kenne; akkuma kitaaba raagotaa keessatti barreeffante, ‘Ee, kolbaa Israa'elii! Woggaa afurtama goomolee keessatti horii qalmaatii fi ciincaa anaaf dhikeessitanee ree? Isin dunkaanii waaqa molokiitii fi, fakkii urjii waaqa Reefaan jedhamuu, harka keessaniin hujjanee, waaqonsiisaaf ba'attane. Maarre anille biyya Baabiloon irraa fagaattutti isin hin dabarsa’ jedhe. “Abbootiin teenna goomolee keessatti dunkaanii dhugaa bayaa qaddi. Godoon sun akka Waaqi Muuse'etti mudhisee, ‘Akkas huji’ jedhetti ta hujante. Abbootiin teenna dunkaanii san abbootii ifii irraa fudhatteen duuba, Iyaasuu woliin gara lafa gosa worra Waaqi isaan duraa ari'etti fudhatanee galane; dunkaaniin sunille haga bara Daawwitii achi turte. Daawwiti Waaqa duratti fudhatama dhaggatee, Waaqa Yaaqoobiitiif mana ijaariisaaf gaafate. Ammoo Waaqaaf ka mana ijaare Solomoon. “Ammoo Waaqi ol aanaan mana harka namaatiin ijaarame keessa hin le'u; kunille akkuma raagichi, ‘Ol-gubbaan barcuma mootummaa tiyyaa ti; lattille ijjata miila kiyyaa ti. Manni isin anaaf ijaartanu ka attamii ti ree? Addeen ani itti foorfadhu eessa ree? Waan san duudii ka huje anaa motii? jedha Goottaan’. “Isin worra mataa jabaatu! Gadhaan keessan akka gadhaa worra Waaqa hin dhugeeffannee, gurri keessan akka gurra worra Waaqa hin dhageennee ti. Isin akkuma abbootii teessanii yennaa mara Ayyaana Woyyicha mormitan. Raagaan abbootiin teessan hin miidhin tokkolle hin jiraa? Isaan raagota woggaa heddu'uun dura dhufa balchichaa odeessane ijjeesaneeran. Amma isinille isa dabarsitanee kennitanee ijjeettaneertan. Isin karaa ergantoota Waaqaatiin seera Waaqaa fudhattaneertaniiyyu; isin ammoo hin ajajanneef” jedhe. Korri Mura'aa waan Isxifaanos jedhe yennaa dhage'ane, aaranee gubatanee, itti ciniinnatane. Isxifaanos ammoo, Ayyaana Woyyichaan guutamee, gara ol-gubba'aa ilaalee, ulfinna Waaqaatii fi Yesuus midda Waaqaa dhaabbateeruun dhaggee, “Kunoo, ol-gubbaan banantee, Ilmi Namaalle midda Waaqaa dhabbateeruun ani dhagge” jedhe. Korri Mura'aa iyyee gurra ifii qabate; achiin duuba isaan martinuu itti fiiganee, qachaa keessaa harkisanee baasanee, dhaka'aan tumane. Dhugaa bayooti woyaa isaanii akka eeguuf dargaggeessa Saa'ol jedhamu tokko bira keyatane. Adoo isaan dhaka'aan tumiisatti jiranuu, Isxifaanos, “Goottaa Yesuus, ayyaana kiyya fudhadhu” jedhee daadimate; jilbiiffateelle qoonqoo ol qabatee, “Gootta'a, cubbuu tana isaanitti hin laakkoyin” jedhee iyyee, du'e. Saa'ol ijjeefamuu Isxifaanosiititti wolii gale; guyyuma Isxifaanos du'e san wolde'a kiristaanaa ka Yerusaalem keessaatitti miidhaan guddoon jalqadde. Ergantoota malee, dhugeeffattooti duudiin lafa Yihuda'aatii fi Samaariyaa keessaa duudi'itti bittannowane. Worri Waaqaaf ifi kenneeru Isxifaanosiif guddoo booyanee, reeffa isaa awwaalane. Saa'ol ammoo wolde'a kiristaanaa balleessiisaaf wodhaanee, mana tokko irraa gara mana kaanii deemaa, dhiiraa fi dubartii gara mana hidha'aa seensise. Dhugeeffattooti bittinnowane addee mara dhaqanee, Oduu Gammadaa lallabane. Filiphoos gara qachaa Samariya'aa dhaqee kolbaa achi jirtuuf marroo Masiihii lallabe. Gumiin waan Filiphoos jedhe yaada tokkoon dhageettee, baasa inni hujelle dhaggite. Ayyaanni hamaan kolbaa hedduu keessaa qoonqoo guddo'oon iyyee baye; worri laashowee fi worri hokkolu hedduulle fayyane. Tanaaf qachaa san keessatti gammadi guddaan te'e. Qachaa san keessa namichi Simoon jedhamu tokko jiraayyu; inni hujii xanoo ifiitiin worra qachaa Samaariya'aa baaseffachiisee, ani nama gudda'a ifiin jedhaa tureera. Worri qachaa sanii diqqa'aa fi guddaan duudiin, “Namichi kun, hunna Waaqaa ta ‘Hunna guddoo’ jedhantu” jedhaa yaada tokkoon dhage'ane. Isaan, waan Simoon yennaa hedduu xanoo ifiitiin isaan baseffachiiseef, yaada tokkoon isa dhage'ane. Isaan ammoo Filiphoos marroo oduu gammada Mootummaa Waaqaatii fi maqaa Yesuus Kiristoosii yennaa isaanitti lallabe dhage'anee, dhiiraa fi dubartooti dhugeeffatanee cuuphamane. Simooninuu dhugeeffatee cuuphameen duuba, waa'ela Filiphoosii te'ee, baasotaa fi bilbaasota gugurdaa hujame yennaa dhagge baaseffate. Ergantooti Yerusaalem keessa jiranu, worri Samaariya'aa Jecha Waaqaa akka fudhate yennaa dhage'ane, Pheexroosii fi Yohaannis gara isaanii ergane. Isaan yennaa achi geyane, Ayyaana Woyyicha akka fudhatanu dhugeeffattootaaf daadimatane. Worri Samaariya'aa maqaa Goottaa Yesuussii qofaan cuuphameera malee, Ayyaanni Woyyichi isaan keessaa nama tokko irralle'etti bu'ee hin jiruuyyu. Tanaaf Pheexroosii fi Yohaannis harka ifii isaan irra keyane; isaanille Ayyaana Woyyicha fudhatane. Yennaa ergantooti harka ifii dhugeeffattoota irra keyane, Simoon akka Ayyaanni Woyyichi namootaaf kenname dhagge. Maarre inni Pheexroosii fi Yohaannisiif beesee fidee, “Nami ani harka kiyya irra keyu duudiin, akka Ayyaana Woyyicha fudhatu hunna tana analle'eef kenna'a” jedhe. Pheexroos ammoo deebisee, “Ati Kennansa Waaqaa beese'een bitatiisaaf waan yaaddeef, atii fi beeseen teetille qile'etti bada'a! Gadhaan keeti Waaqa duratti qajeelaa waan hin te'iniif, ati hirmaannaa yookiin qooda hujii teenna keessaa hin qaddu. Tanaaf hammeenna yaada gadhaa keetii kana irraa deebi'i; waan akkana yaadatte kanaaf si'iif araarama fa'a te'a, gara Gootta'aa daadimadhu. Ati hinaaffaa hadhoottu'uun guutantee, hidhamaa cubbu'uu akka teete dhaggeera” jedhe. Simoon, Pheexroosii fi Yohaannisiin, “Waan isin anaan jettane kana keessaa tokkolle akka ana hin dhaqqanne, maganne'ee gara Gootta'aa anaaf daadimadha'a” jedhe. Pheexroosii fi Yohaannis dhugaa bayanee, Jecha Gootta'aa odeessaneen duuba, ollaa worra Samaariya'aa hedduu keessa Oduu Gammadaa lallabaa gara Yerusaalemii deebi'ane. Ergamaan Waaqaa Filiphoosiin, “Ka'iitii, Yerusaalem irraa karaa kibba goomolee Gaaza'aa geessu dhaqi” jedheen. Maarre Filiphoos ka'ee dhaqe; namichi guneessichi Itoophiya'aa tokkolle itti dhufe; inniin kun qabeenna giitittii Itophiya'aa ta “Kandaakee” jedhantuu irratti qondaala ture; inni Waaqa waaqonfatiisaaf gara Yerusaalemii dhaqeera. Inni gara biyya ifii yennaa deebi'u garreettaa geejjibaan harkifamu irra tee'ee, kitaaba raagicha Isaayaasii dubbisaaraayyu. Ayyaanni Woyyichi Filiphoosiin, “Beenu gara garreettaa geejjibaan harkifamu sanii dhikaadhu” jedhe. Filiphoosille gara garreettaa fardaan harkifamuu san rukkisee, guneessichi sun kitaaba raagicha Isayaasii keessaa dubbisuun dhage'ee, “Wonni ati dubbittu kun sii galaaraa?” jedhee gaafate. Guneessichi deebisee, “Adoo nami tokko anaaf issee hin himin attaamiin hubatiisa dande'a?” jedhe. Maarre inni akka Filiphoos garreettaa fardaan harkifamu san yaabee isa bira tee'uuf waame. Addeen inni Barreeffama Woyyicha keessaa dubbisiisatti jiru, “Inni akka hoolee qalantuu oofame; akka ilmayyoo hoole'ee, yennaa nami rifeensa irraa muru cadhittuu, Inni waan tokkolle hin dubbanne. Inni ifi gad qabee, muraa dhuga'aa dhabe. Jiruun isaa lafa irraa waan fudhatanteef, eennutu sanyii isaa himuu dande'a?” ka jedhu. Guneessichi Filiphoosiin, “Raagichi waan kana marroo eennuu dubbataara? Marroo ifiiti moo marroo nama dhibi'ii ti? Me natti himi” jedhe. Achiin duuba Filiphoos dubbatiisa jalqabee, Barreeffama Woyyicha kana irraa kaasee, Oduu Gammadaa marroo Yesuus Kiristoosii isatti hime. Isaan adoo karaa san gad deemanu, bisaan tokko bira geyane. Guneessichi, “Bisaan kunoo ti; akka ani hin cuuphanne wonni na dhooggaa maan?” jedhe. [ Filiphos deebisee, “Gadhaa tokkoon yoo dhugeeffatte hin dandeetta” jedhe. Guneessichi deebisee, “Yesuus Kiristoos Ilma Waaqaa akka te'e hin dhugeeffadha” jedhe.] Guneessichi garreettaa fardaan harkifamu akka dhaabbatu ajaje; innii fi Filiphoos gara lagaa dhaqanee, Filiphoosille isa cuuphe. Isaan bisaan keessaa yennaa bayane, Ayyaani Gootta'aa Filiphoos butee fudhee deeme. Guneessichi deebi'ee isa hin dhaggine. Teetuu malee karaa ifiititti deebi'ee, gammadaa deeme. Filiphoos ammoo qachaa Azooxonii keessatti dhaggamee, Oduu Gammadaa qachoota maraa keessatti lallabaa, gara qachaa Qisaariya'aa dhaqe. Saa'ol ammalle barattoota Gootta'aa ijjeesiisaaf dhaadataa, gara Hayyicha gudda'aa dhaqe. Worra karaa Gootta'aa hordofu dhiiraa fi dubartiille yoo dhagge, hidhee gara Yerusaalemii fidiisaaf akka dande'u, xaleyaa gara Mana Waaqeffannaa Yihudootaa ka Damaasqootti akka isaaf barreessu, Hayyicha Guddaa gaafate. Saa'ol adoo deemuu qachaa Damaasqo'ootitti dhikaateeruun, dedhuma ifi ol-gubba'aa irraa adaala isaatitti balaqqise. Inni lafatti jigee qoonqoo, “Saa'ol, Saa'ol maaf ana miita?” jettu dhage'e. Saa'olille, “Gootta'a, ati eennu?” jedhee gaafate. Qoonqoolle, “Ani Yesuusii ati miitu; ammoo, ka'ii gara qacha'aa seen. Wonni ati godhuu qaddu achitti si'itti himama” jette Namooti Saa'ol woliin deemiisatti jiranu, qoonqoo dhage'ane malee, nama dubbatu hin dhaggine; isaan cadhisanee dhaabbatane. Saa'ol addee jigee ka'ee ila ifii yennaa banate, womaa dhaggiisaaf hin dandeenne. Tanaaf isaan harka isaa qabanee, gara qachaa Damaasqo'oo isa geessane. Inni haga guyyaa sadii womaa dhagguu hin dandeenne; hin nyaannelle'e yookiin hin unnelle'e. Yennaa san barataan Ananiiyaas jedhamu tokko, Damaasqoo keessa jiraayyu. Goottaan mudhi'iin “Ananiiyaas” jennaan, inni deebisee, “Kunoo ani as jira, Gootta'a” jedhe. Goottaalle, “Qophoyiitii, gara karaa ‘Qajeelaa’ jedhamu dhaqiitii, mana Yudaasiititti namicha lafa Xarseesii, ka maqaan isaa Saa'ol jedhamu tokko iyyaafadhu. Inni amma daadimatiisatti jira; Saa'ol mudhi'iin namichi Ananiiyaas jedhamu tokko dhufee, harka ifii isa irra keyee akka fayyu dhaggeera” jedheen. Ananiiyaas deebisee, “Gootta'a, namichi kun kolbaa teet ta Yerusaalem keessa jirtu waan hantuu akka inni godheeru nami hedduun anatti himeera. Inni worra maqaa keeti waammatu mara hidhiisaaf, mooticha hayyootaa irraa baallii dhaggateera” jedhe. Goottaan Ananiiyaasiin, “Inni maqaa kiyya worra Yihudoota hin te'iniif, moototaa fi kolbaa Israa'eliitiif akka beessisu, tajaajilaa kiyya ka ani filadhe waan te'eef gara isaa dhaqi. Akka inni marroo maqaa kiyyaatiif guddoo rakkatu, aninuu isatti hin mudhisa” jedhe. Maarre Ananiiyaas deemee, mana Saa'ol jiru seene; inni harka ifii Saa'ol irra keyee, “Obboleessa kiyya Saa'ol, Goottaan Yesuus, as dhufiisatti jirtuun karaa irratti ka si'itti mudhate, akka ati deebitee dhaggituu fi Ayyaana Woyyichaan akka guutantuuf ana ergeera” jedhe. Yoosuma wonni akka solloqqee qurxummi'ii fakkaattu, ila Saa'olii irraa buutee, deebi'ee dhaggiisaaf dande'e. Inni ol ka'ee cuuphame; sagalee nyaateen duuba jabaate. Saa'ol guyyoota diqqa'aaf lafa Damaasqo'oo keessa barattoota woliin ture. Saa'ol adoo hin turin mana Waaqeffannaa Yihudootaa dhaqee, “Yesuus Ilma Waaqaa ti” jedhee lallabiisa jalqabe. Worri isa dhage'e duudiin baasseffatee, “Inni Yerusaalem keessatti worra maqaa Yesuusii waamu ka balleessaa turee motii? Ammalle inni isaanuma hidhee gara Mootota hayyootaa geessisaaf asi hin dhunnee?” jedhane. Saa'ol ammoo lallabi isaa irra caalaa hunna dhaggataa deemee, Yesuus Masiihii akka te'e mirkaneessinaan, Yihudooti Damaasqoo keessa le'anu waan jedhanu wollaalane. Guyyaa heddu'uun duuba Yihudooti, Saa'ol ijjeesiisaaf mala dhoyane. Inni ammoo mala isaanii beeke. Isaanille isa ijjeesiisaaf halkanii fi guyyaa karra qacha'aatitti isa eegane. Hordofattooti Saa'olii ammoo, gaafa tokko halkaniin, Saa'ol xaxxoo keessa keyanee, foddaa dalleya dhaka'aatiin gad buusane. Saa'ol gara Yerusaalemii yennaa dhaqe, barattootatti makamiisaaf wodhaane; isaan ammoo akka inni dhugumaan barataa te'e waan hin dhugeeffatiiniif, duudinuu isa sodaatane. Barnaabaas ammoo isa fuudhee gara ergantootaa geessee, karaa irratti Goottaan attamiin akka isa dhaggee fi attam akka itti dubbate, akkasuma Damaasqoo keessatti maqaa Yesuusiitiin sodaa malee akka inni lallabe isaanitti hime. Maarre Saa'ol isaan woliin te'ee Yerusaalem duudii keessa dhaqee, sodaa malee maqaa Gootta'aatiin lallabe. Inni Yihudoota afaan Giriki'ii dubbatanu woliin dubbataa itti moromaa ture; isaan ammoo isa ijjeesiisaaf wodhaanane. Dhugeeffattooti waan kana yennaa beekane, gara Qisaariya'aa geessane; achille'een gara Xarseesii ergane. Achiin duuba wolde'i kiristaanaa ka Yihudaa, Galiilla'aa fi Samariyaa keessa jiranu duudiin nageya dhaggatanee jabaatane; Goottaalle ulfeessaa, Ayyaana Woyyichaan jajjabaataa, lakkossaan heddatane. Pheexroos addee duudii adoo deddeemuu, kolbaa Waaqaa ta lafa Liidaa keessa leetu ilaaliisaaf dhufe. Inni achitti namicha Eneyaas jedhamu, ka nafi isaa laashoweeruu fi haga woggaa saddeetii taqee irraa ka'ee hin dandeenne tokko dhagge. Pheexroos, “Eneyaas, Yesuus Kiristoos si fayyisa ol ka'iitii, taqee teeti afadhu” jedhe. Yoosuma Eneyaas ol ka'ee dhaabbate. Kolbaan Liidaa fi Saaron keessa leetu duudiin isa dhaggitee, gara Gootta'aa deebite. Qachaa Yophee keessa dubartittiin dhugeeffattuun, Xaabiitaa jedhantu takka jirtiiyyu. Maqaan isi'ii afaan Giriikitiin Dorqa'a; hiikkaan, “Buddannee” jechu'u. Isiin yennaa mara hujii dansaa hujaa, hiyyeeyyii qarqaaraa turte. Yennaa san isiin dhibbantee duunaan, reeffa isi'ii dhiqanee kolloo mana gubba'atti ijaarantee keessa irkisane. Liidaan Yophe'etti dhikoo waan teetef, dhugeeffattooti Pheexroos Liidaa keessa akka jiru yennaa dhage'ane, nama lama gara isaa erganee, “Maganne'ee ariifadhuutii gara keenna koyi” jedhanee kadhatane. Maarre Pheexroos ka'ee isaan woliin deeme; yennaa inni achi geye, gara kolloo mana gubbaa jirtuu isa geessane. Haadhotiin hiyyeessaa duudiin isatti naannowanee, hidho'oo fi uffana Dorqaan jiru'uun yennaa jirtu hojjatte itti mudhisaa booyane. Pheexroos isaan duudii kollo'oon alatti yaasee, jilbiiffatee daadimate; achiin duuba gara reeffaa gara galee, “Xaabiitaa, ka'i!” jedhe. Isiin ila ifii banattee, Pheexroos yennaa dhaggite ol jettee teette. Inni harka isii qabee ol kaase. Achiin duuba dhugeeffattootaa fi haadhotii hiyyeessaa duudii waamee, jirtuu isi'ii isaan duratti dhikeesse. Oduun tun Yophee duudii keessatti beekkante; kolbaan hedduulle Gootta'atti dhugeeffatte. Pheexroosille namicha gogaa duugu ka Simoon jedhamu tokko woliin, guyyaa hedduu Yoophee keessa ture. Qachaa Qisaariya'a keessa namichi Qorneelewos jedhamu tokko, kutaa woraana worra Rooma'aa ka “Ixaaliqaa” jedhamee waammamuuf ajaja dhibbaa ka ite'e jiraayyu. Inni maatii ifii duudii woliin nama Waaqa waaqonfatuu fi Waaqa sodaatu. Inni ammalle worra Yihudootaa keessaa hiyyeeyyii guddoo qarqaaraa, yennaa mara Waaqa daadimataa ture. Gaafa tokko saafowa gara saatii sagaliititti, ergamaan Waaqaa gara isaa dhufee, “Qorneelewos” jedhee isa waamuun mudhi'iin dhagge. Qorneelewosille erganticha Waaqaa hubatee ilaalee soda'aan, “Gootta'a, maan?” jedhe. Ergamaan Waaqaa deebisee, “Waaqi daadimata keeti dhage'eera; hiyyeeyyii qarqaaruu keetille yaadateera. Ammalle namoota gara qachaa Yophe'ee ergiitii, Simoon ka Pheexroos jedhamu tokko waansisi. Inni abbaayaa guddittii cinaa mana Simoonii gogaa duuguutitti keessummummaa jira” jedhe. Achiin duuba ergantichi isatti dubbatee biraa deemeeruun, Qorneelewos tajaajiltoota ifii keessaa nama lamaa fi loltoota isaaf addatamanu keessaa nama tokko waamee, waan te'e san duudii isaanitti himeen duuba, gara qachaa Yophe'ee erge. Boruyyaa worri ergame qachaa Yophe'ee bira geyeeruun, Pheexroos gara saatii jaatitti daadimatiisaaf gara mana mana gubba'aa ol baye. Yennaa san Pheexroos beeloyee waan nyaatu barbaade; adoo sagaleen qophoyiisatti jirtuu galaalchee mudhii dhagge. Inni ol gubbaan banantee, wonni akka woyaa guddoo fakkattu roga afuriinuu gad bu'aartuun dhagge. Woyaa san keessa bineensoti miila afur qabanu, ka gadha'aan lowanuu fi sinbirrooti koolaan ka'anu duudiin jiran. Yennaa san qoonqoon, “Pheexroos, ka'i; bineensota kana qaladhuutii nyaadhu!” jettu dhage'e. Pheexroos ammoo, “Hin teetu, Gootta'a! Ani waan aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu hin te'in yookiin waan battii nyaadhee hin beeku” jedhe. Ammalle qoonqoon deebitee, “Waan Waaqi qulqulleesse, ati akka batti'ii hin laakoyin” jetteen. Tun yennaa sadi teetee, wonni akka woyaa guddoo fakkaattu sun gara ol-gubba'aa fudhatante. Pheexroos mudhiin tun maan jedhee adoo baaseffatiisatti jiruu, namooti Qorneelewos erge mana Simoonii iyyaafatanee dhufanee, balbala dura dhabbatane. Isaan qooqoo ol qabatanee, “Keessuntichi Simoon Pheexroos jedhamu tokko as jiraa?” jedhanee gaafatane. Pheexroos ammalle marroo mudhi'ii adoo yaadatiisatti jiruu Ayyaanni, “Kunoo! Namooti sad si barbaadiisatti jiran. Tanaaf ka'iitii gad bu'i; ka isaan erge ana waan te'eef adoo hin mamin isaan woliin deem” jedhe. Maarre Pheexroos gad bu'ee isaaniin, “Nami isin barbaaddanu ana; maaf dhuttane?” jedhe. Isaan deebisanee, “Ajajaa dhibbaa ka te'e, Qorneelewositti nu erge; inni nama qajeelaa Waaqa waaqonfatuu fi kolbaan Yihudootaa duudiin ulfeessitu; inni gara mana ifii si waanisisee, waan ati jettu akka dhage'u, ergamaan Waaqaa woyyichi isatti himeera” jedhane. Pheexroosille ol isaan waamee, keessunsiisee bulche. Pheexroos boruyyaa ka'ee isaan woliin deeme; dhugeeffattooti qachaa Yophee keessaalle gariin isa woliin deemane. Guyyaa itti aanu qachaa Qiisaariya'aa geyane; Qorneelewosille firootaa fi jaalota ifii waammatee, isaan eegate. Pheexroos gara manaa yennaa seene, Qorneelewos isaa dhaggee, miila isaatitti jigee sagadeef. Pheexroos ammoo, “Ka'i! Anille namuma akka keetii ti” jedhe. Pheexroos isa woliin haasowaa yennaa mana seene, kolbaan hedduun wolitti qabanteertuun dhagge. Inni isaaniin, “Nami gosa Yihudi'ii tokko, worra Yihudii hin te'in woliin firoomuu yookiin mana wolii dhaquu seerri dhugeeffannaa teennaa akka hin eeyyanne isinuu hin beettan. Waaqi ammoo, akka ani nama tokkolle'een aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqullu'uu moti yookiin battii akka hin jenne anatti mudhiseera. Tanaaf yennaa isin natti ergitane, ani adoo hin mamiin dhufe; yoona maaf akka anatti ergitane beekuu barbaada” jedhe. Qorneelewos deebisee, “Guyyaa afuriin dura yennuma tana guyyaa keessa saatii sagalitti, ani mana kiyya keessatti daadimatiisatti jiruun, dedhuma nami woyaa calalaxxuu uffateeru tokko na dura dhaabbattee, ‘Qorneelewos! Waaqi daadimata keeti dhage'eera; hiyyeeyyii qarqaaruu keetille yaadateera’ jedhe. Nama gara Yophe'ee ergiitii namicha Simoon Pheexroos jedhamu waansisi. Inni abbaayaa guddittii cinaa mana Simoonii gogaa duuguutitti keessummummaa jira. Tanaaf anille yoosuma sitti erge; atille baga dhutte. Amma nuuti duudiin waan Goottaan sitti hime duudii si irraa dhage'iisaaf, fuula Waaqaa duratti asitti wolitti qabanneerra” jedhe. Pheexroos isaaniin, “Dhugumaan Waaqi akka nama wol hin caalchinne hubadheera. Nama biyya tamiille te'uutii, ka Waaqa sodaatuu fi waan sirrii godhu Waaqa biratti fudhatama qaba. Waaqi Jecha ifii kolbaa Israa'eliitiif erguu isaa, Oduu Gammadaa ta nageyaa, karaa Yesuus Kiristoosii Goottaa nama maraatiin lallabuu isaa hin beettan. Yohaannis marroo cuupha'aa lallabeen duuba, biyya Galila'aatii jalqabee lafa Yihuda'aa mara keessatti waan te'e hin beettan. Waaqi, Yesuussii Naaziretii Ayyaana Woyyichaan muudee hunna akka isaaf kenne, Yesuusille Waaqi isa woliin waan jiruuf addee mara dhaqee hujii dansaa hujee, worra Seexanaan qabame duudii akka fayyise hin beettan. Nuuti biyya Yihuda'aatii fi qachaa Yerusaalemiititti, waan Yesuus godhe maraaf dhugaa baatota; isaan ammoo isa fannoo irratti fannisanee ijjeesane. Waaqi ammoo guyyaa sadeesso'oo du'aa isa kaasee, akka inni mudhatu godhe. Mudhatuun isaa nama duudi'iif adoo hin te'in, nu worra dhugaa bayoota isaa akka teenuuf filannee, du'aa ka'a isaatiin duuba isa woliin nyaannee fi unnetti mudhateera. Waaqi akka nuuti wongeela kolba'aaf lallannu, worra jiruu fi du'e irratti abbaa mura'aa akka te'uuf akka isa file, akka dhugaa baanuuf nu ajajeera. Worri isatti dhugeeffatu duudiin, maqaa isaatiin araara cubbu'uu akka dhaggatanu, raagoti duudiin dhugaa bayaneeraran” jedhe. Adoo Pheexroos tana dubbatiisatti jiruu, Ayyanni Woyyichi worra dubbii isaa dhage'iisatti jiru duudii irratti bu'e. Yihudooti dhugeeffataneeranu ka Pheexroos woliin dhufane, Waaqi kennansa Ayyaana Woyyichaa worra Yihudoota hin te'iniifille kennuu isaa dhagganee baaseffatane. Yihudooti dhugeeffatane, worri Yihudoota hin te'in afaan haareya dubbataa Waaqa leellifatanuun dhaggane. Achiin duuba Pheexroos, “Kolbaan tun akkuma keenna Ayyaana Woyyicha fudhateerti. Akka isaan bisaaniin hin cuuphanne eentu dhoogga ree?” jedhe. Maarre Pheexroos akka isaan maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamanu ajaje. Achiin duuba isaan akka Pheexroos guyyaa diqqa'aaf isaan woliin turu kadhatane. Ergantootaa fi dhugeeffattooti biyya Yihuda'aa keessaa, worri Yihudoota hin te'inille Jecha Waaqaa akka fudhatane dhage'ane. Maarre Pheexroos yennaa gara Yerusaalemii ol dhaqe, Yihudooti dhugeeffatane isatti mormanee, “Ati mana worra haqanqaba hin qabatinii dhaxxee, isaan wolille'een nyaatte” jedhane. Pheexroos ammoo, waan te'e mara tokko tokkoon isaanitti himuu jalqabee: “Ani qachaa Yophe'ee keessatti adoo daadimatiisatti jiruu, galaalchee mudhii dhagge. Wonni akka woyaa guddo'oo fakkaattu roga afuriinuu ol gubbaa irraa dhuttee, ana cinaa buute. Ani hubadhee yennaa ilaale, woyaa san keessa horii miila afur qabu, bineensota, bineensota gadha'aan lowanuu fi sinbirroota koolaan ka'anu dhagge. Achiin duuba qoonqoo, ‘Pheexroos, ka'i; bineenosa kana qaladhuutii nyaadhu!’ jettu dhage'e. Ani ammoo, ‘Hin teetu, Gootta'a! Wonni aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu hin te'in yookiin wonni battiin afaan kiyya seentee hin beettu’ jedhe. Ammalle qoonqoon ol-guubbaa irraa, ‘Waan Waaqi qulqulleesse, ati akka batti'ii hin laakoyin’ anaan jette. Tun yennaa sad teeteen duuba, wonni sun duudiin gara ol-gubba'aa fudhatante. Yennaa san namooti sad ka Qiisaariyaa irraa gara kiyya ergamane, gara mana ani turee dhufane. Ayyaanni Woyyichi akka ani mama malee isaan woliin deemu anatti hime. Dhugeeffattooti jaan ka as ana bira jiranulle ana woliin dhaqanee, duudiin keenna mana Qorneelewosii seenne. Qorneelewosille, ergamaan Waaqaa mana isaa keessa dhaabbateeruun akka dhaggee fi ergantichi isaan, ‘Gara Yophe'ee nama ergiitii, Simoon ka Pheexroos jedhamu waansisi; inni dubbii atii fi worri keeti duudiin ittiin fayyitanu hin dubbata’ akka jedheen nutti hime. Yennaa ani dubbatiisa jalqabe, Ayyaanni Woyyichi akkuma jalqaba nu irratti bu'e, isaan irralle'etti bu'e. Yennaa san waan Goottaan, ‘Yohaannis bisaaniin cuuphe, isin ammoo Ayyaana Woyyichaan cuuphantan’ jedhe qaabadhe. Waaqi yennaa nuuti Goottaa Yesuus Kiristoositti dhuugeeffanne kennansuma nu'uuf kenne san, isaan worra Yihudoota hin te'iniifille eega kenne, ka Waaqa dhooggu ani eennu ree?” jedhe. Isaan yennaa tana dhage'ane, moromaa lakkisanee, “Waaqi worra Yihudoota hin te'inille akka cubbuu irraa deebi'anee jiraatanu carraa kenneera” jedhanee Waaqa leellisane. Miidhaa yenna Isxifaanos ijjeefame ka'een, dhugeeffattooti bittinnowane haga qachaa Finiqee, Qophoroosii fi Anxokiyaa deemanee, Jecha Waaqaa worra Yihudootaa calla'aaf himane. Te'uu malee dhugugeeffattooti qachaa Qophiroosiitii fi Qareena'aatii dhufane gariin, gara qachaa Anxokiya'aa yennaa dhufane, worra Giriikootaalle'eef Oduu Gammadaa ta marroo Goottaa Yesuusii himane. Goottaan hunna ifiitiin isaan qarqaare; kolbaan hedduulle dhugeeffattee gara Gootta'aa deebite. Wolde'i kiristaanaa ka Yerusaalem keessaa oduu tana dhage'ee, Barnaabas gara Anxokiya'aa erge. Inni achi geyee, Waaqi attam kolbaa akka badhaase yennaa dhagge, gammadee, duudiinuu gadhaa tokkoon Gootta'aaf addatamanee akka jabaatanu itti gorse. Barnaabaas nama arjaa Ayyaana Woyyichaa fi dhugeeffanna'aan guutame waan te'eef, kolbaan hedduun gara Gootta'aa deebite. Achiin duuba Barnaabaas Saa'ol barbaadiisaaf gara Xarseesii dhaqe. Yennaa isa dhagge gara Anxokiya'aa isa fidee, woggaa guutuu isaan lamaanuu wolde'a Kiristaanaa woliin gumii hedduu barsiisane. Dhugeeffattooti qaraa Anxokiya'atti, “Kiristaanota” jedhamanee waamamane. Yennaa san raagoti gariin Yerusaalemii gara Anxokiya'aatti gad bu'ane. Isaan keessaa tokkochi Agaabos ka jedhamu ka'ee, biyya lafaa duudii irratti beelti jadduun akka bu'aartu, Ayyaana Woyyichaan raaga dubbate; kunille bara Kilaawudiiyos mootii te'etti muummowe. Barattooti tokko tokkoonuu akkuma dandeettii ifiititti, dhugeeffatoota Yihudaa keessa leetu qarqaariisaaf murteeffatte. Isaan tana godhanee, achiin duuba beesee karaa Barnaabaasiitii fi Saa'oliitiin gara jaarsota wolde'a Kiristaanaa ergane. Bara san mootichi Heroodis, miseensota wolde'a kiristaanaa tokko tokko miidhuu jalqabe. Inni Yaaqoobii obboleessa Yohaannisii goraade'een ijjeesise. Wonni kun Yihudootaa akka gammachiitte yennaa dhagge, itti dabalee Pheexroos qassiise; tunille yennaa Jila Daabboo Uukoo hin qannee teete. Heroodis yennaa Pheexroos qassiisee mana hidha'aatti galche, afur afur te'anee akka isa eeganu loltoota dabaree afuritti qoodamaneeranutti isa kenne. Jila Irra Dabaramaatiin duuba kolbaa duratti akka isa dhikeessuuf yaadate. Adoo Pheexroos mana hidha'aa keessatti eegamuu, wolde'i kiristaanaa ammoo jabaatee gara Waaqaa isaaf daadimate. Halkan bari'een duuba Heroodis silaa Pheexroos kolbaa duratti dhikeessu, Pheexroos wodaroo sibiilaa lamaan hidhamee, loltoota lama odduu rafee, eeddoti balbala mana hidha'aa dura dhaabbatanee eegane. Dedhuma ergamaan Gootta'aa achi dhaabbatee, manni hidha'aa keessi ife. Ergantichille cinaacha Pheexroosii tuqee, isa dammassee, “Ariifadhuu ka'i!” jedheen. Wodaroon sibiilaalle harka isaa irraa buute. Achiin duuba ergamaan, isaan “Hidhadhu! kophee teetille keyadhu” jedhe. Pheexroosille akkuma inni itti hime tolche. Achiin dubaa ergantichi, “Woyaa teeti uffadhuu ana gula koyi” jedheen. Pheexroos mana hidha'aa keessaa bayee, erganticha gula deeme; ammoo waan ergamaan Gootta'aa godhe hin beenne; inni waan duudii oojjuu seye. Isaan worra eedduu tokkeesso'ootii fi lammeesso'oo irra dabaraneen duuba, balbala sibiilaa ta gara qacha'aa bayanu bira geyane; balbaltille ifumaan isaan duraa banantee, gad bayane. Karaa tokko gad deemanee, ergamaan dedhuma Pheexroos biraa deeme. Pheexroos yennaa bayyanate, “Goottaan ergamaa ifii ergee harka Heroodisiitii fi waan worri Yihudootaa ana irratti yaadane mara jalaa akka ana baase, amma dhugumaan beekeera” jedhe. Pheexroos tana hubateen duuba, addee namooti hedduun wolitti qabamee daadimatiisatti jiru, gara mana Maariyaamii haadha Yohaannisii Maarqoos jedhamuu dhaqe. Pheexroos achi geyee balbala karra alaa yennaa dhodhowe, tajaajiltittiin Roodaa jedhantu takka dhuttee owwaatte. Isiin qoonqoo Pheexroosii beettee, waan guddoo gammaddeef, balbala adoo hin baniniif rukkittee gara keessaa seentee, “Pheexroos balbala dura dhaabbateera!” jettee odeessite. Isaan, “Ati maraatteerta!” isi'iin jedhane. Isiin ammoo ittuma deeddebitee, “Lakkii isuma” jette. Achiin duuba isaan, “Ergamaa Waaqaa ka isa eegu te'innaa” jedhane. Pheexroos ammoo balbala dhodhowiisa hin lakkinne; isaan balbala bananee yennaa isa dhaggane baaseffatane. Inni akka isaan cadhisanu harka ifiitiin beessisa itti kennee, Goottaan mana hidha'aa keessaa attam akka isa baase isaanitti odeessee, “Dubbii tana Yaaqoobii fi dhugeeffattoota dhibiille'etti hima'a” jedhee, bayee addee dhibii dhaqe. Yennaa latti bariite, loltooti, “Pheexroos maan te'e?” jedhanee, waan godhanu wollaalanee baaseffatane. Heroodis Pheexroos barbaachisee isa dhagguu dhabee jennaan, eeddota qorateen duuba akka ijjeefamanu ajaje; Achiin duuba Heroodis Yihudaa irraa gara Qiisaariya'atti gad bu'ee achi ture. Heroodis kolbaa Xiiroosiitii fi Sidooniititti guddoo aareeraayyu. Maarre isaan wolii galte'een gara isaa dhufanee, Bilaasxosii tajaajilaa addatamaa mana mootichaa, Heroodisitti dhikaatee araara akka isaaniif gaafatuuf, tole jechisiifataneen duuba, mooticha araara gaafatane; isaan biyya mootichi bulchu keessaa sagalee waan dhaggatanuuf tana jedhane. Guyyaa wol dhaggiisaaf qabatane, Heroodis uffana mootummaa ifii uffatee, barcumaa mootummaa ifii irra tee'ee, kolba'atti dubbate. Isaan, “Tun qoonqoo waaqaa ti malee, ta namaatii moti” jedhaa iyyane. Heroodis ulfinna Waaqaaf waan kennuu dhabeef, ergamaan Waaqaa yoosuma isa dhowe; corroxxille isa nyaattee du'e. Jechi Waaqaa ammoo, gudddataa badhataa deeme. Barnaabaasii fi Saa'ol ergaa dhaqaneef muummessanee, Yerusaalem irraa deebi'ane; Yohaannisii Maarqoos jedhamulle ifi faana fuudhanee dhufane. Wolde'a kiristaanaa ka Anxokiya'aa keessa raagotaa fi barsiisoti jiraniiyyu: isaanille Baarnaabaas, Simoon ka “Gurraacha” jedhamu, Luukiyoosii biyya Qareena'aa, Maanaa'enii Heroodisii bulchaa woliin guddatee fi Saa'ol fa'a. Isaan Goottaa tajaajilaa adoo laamanuu Ayyaanni Woyyichi isaaniin, “Baarnaabaasii fi Saa'ol hujii ani isaan waameef, isaan anaaf foya'a” jedhe. Isaan laamanee daadimatanee, harka ifii isaan irra keyaneen duuba ergane. Baarnaabaasii fi Saa'ol Ayyaana Woyyichaan ergamanee, gara qachaa seluuqiya'aatitti gad bu'anee, hobolo'oon gara oddoola Qophirosii dhaqane. Isaan yennaa qachaa Salaamiisii geyane, Jecha Waaqaa mana waaqeffanna Yihudootaatitti lallabane. Yohaannisiin Maarqoos jedhamulle isaan woliin jiraatee isaan qarqaare. Isaan oddoola Qophirosii keessa qaccee garanaatii haga qaccee taanii qaxxaamuranee, qachaa Phaafoosii yennaa geyane, namicha xanoo xanu Yihudicha Baaryesuus jedhamu tokko dhaggane; inni raagicha dharaamessa. Inni lansa bulchaa oddoolaa qalbicha ka Sergiiyosii Phawuloos jedhamuu ti. Bulchaan kun Jecha Waaqaa isaan irraa dhage'iisaaf barbaadee, Barnaabaasii fi Saa'ol gara ifii waame. Namichi xanoo xanu ka afaan Giriikiitiin “Eliimaas” jedhamu ammoo, bulchaan biyya sanii akka hin dhugeeffanne barbaadee, isaaniin morme. Achiin duuba Phawuloos ka jedhame Saa'ol Ayyaana Woyyichaan guutamee, namicha xanoo xanu hubatee ilaalee, “Ati ilma Seexanaa ti! Ati diina dhugaa maraa ti! Ati sobaa fi hammeenna duudi'iin guutanteerta; ati yennaa mara dhugaa Gootta'aa gara sobaa jijjiiriisa hin lakkittuu? Ammalle harki Goota'aa si hin dhowa; ballaa hin teeta; yennaa diqqoolle ifa adu'uu hin dhaggitu” jennaan, Yoosuma hurri'ii fi dukkanti ila isaa qaddee, nama harka qabee isa sooressu adaala ifii qaqqabatiisa jalqabe. Bulchaan waan te'e san yennaa dhagge, barsiisiisa Gootta'aa guddoo waan baaseffateef dhugeeffate. Phawuloosii fi hordofattooti isaa lafa Phaafoosiitii hobolo'oon ka'anee, gara qachaa Pherge'ee ka Phamfiliyaa keessatti dhaggamuu dhaqane; Yohaannisiin Maarqoos jedhamu ammoo, isaan lakkisee gara Yersulaalemii deebi'e. Isaan ammoo lafa Pherge'eetii ka'anee, gara qachaa Anxokiya'aa ka lafa Phisiidiya'aa keessatti dhaggamuu dhaqane; guyyaa Sanbataa mana waaqeffannaa Yihuudootaa seenanee tee'ane. Kitaabi Seera Muuse'eetii fi Raagotaa dubbifameen duuba, bulchitooti Mana Waaqeffannaa Yihudootaa isaanitti erganee, “Obboleeyyan, jecha nama jajjabeessu yoo qabaattane dubbadha'a” jedhane. Yoos Phawuloos ka'ee harkaan isaan haatatee, “Kolbaa Israa'eliitii fi worri Yihudoota hin te'in ka Waaqa waaqonsitanu, waan ani jedhu dhage'a'a! Waaqi kolbaa Israa'elii, abbootii teenna foyatee, yennaa isaan akka ormaatitti biyya Gibxii keessa le'ane, gosa guddoo isaan godhe. Inni hunna guddoo ifiitiin biyya Gibxi'ii keessaa isaan baasee, haga woggaa afurtamaa lafa goomole'ee keessatti isaan ossate. Inni lafa Kana'aanii keessaa gosa biyya adda addaa torba balleessee, lafa isaanii kolbaa ifiitiif kenne. Wonni kun duudiin gara woggaa dhibba afurii fi shantamaa keessatti teete. Kanaan duuba Waaqi haga bara Saamu'elii raagichaatitti abbootii mura'aa isaaniif kenne. Yennaa isaan mootii nu'uuf kenni jedhanee gaafatanetti, Waaqi gosa Beniyaaminii keessaa Saa'olii ilma Qiishii isaaniif kenne; innille woggaa afurtama isaan bulche. Saa'ol mootummaa irraa buuseen duuba, Waaqi Daawwiti mootii isaanii godhe. Waaqi marroo isaatiif dhugaa bayee, ‘Ani, Daawwitii ilma Iseyii nama akka gadhaa kiyyaa, ka fedhii tiyya duudii muummessu dhaggadheera’ jedheera. Waaqi akkuma waadaa galetti, sanyii namicha kanaa keessaa fayyisaa Yesuus kolbaa Israa'eliitiif fideera. Dhufa Yesuusiitiin dura Yohaannis, kolbaan Israa'elii marti cubbuu irraa deebitee akka cuuphantuuf lallabeera. Yohaannis tajaajila ifii fixatiisatti adoo jiruu kolba'aan, “Isin eennu ana seetan? Ani ka isin eegattanu sanii moti. Ammoo ka ani hidhaa kophee isaa hiikiisaafille hin teene, ana duubaan dhufaara. “Obboleeyyan tiyya, isin sanyiin Abrahaamiitii fi worri Yihudoota hin te'in ka Waaqa waaqositanu duudiin, ergaan fayyinnaa tun nu duudi'iif ergante. Kolbaan Yersaalemiitii fi sooressitooti isaaniille Yesuus fayyisaa akka te'e hin beenne; isaan dubbii raagotaa ta Sanbata Sanbataan dubbifantu hubatuu dhabiisaan isatti muranee, dubbiin raagaa akka muummottu godhane. Isaan sababa ittiin Yesuus ijjeesisanu dhabanulle, akka inni ijjeefamuuf Philaaxoos kadhatane. Waan Barreeffam Woyyichi marroo isaatiif jedhu duudii muummessaneen duuba, muka irraatti fannifame irraa gad buusanee awwaalane. Waaqi ammoo du'a irraa isa kaase. Inni guyyaa hedduu worra isa woliin Galiilaa irraa gara Yerusaalemii dhufanetti mudhate. Amma isaan kolbaa teennaaf dhugaa bayoota. Nuuti waan Waaqi abbootii teennaaf waadaa gale Oduu Gammadaa isinitti hinna. Inni Yesuus du'aa kaasiisaan waadaa isaaniif gale, nu'u ijoollee isaaniitiif muummesseera. Kunille kitaaba Faaru'uu ka lammeesso'oo keessatti, ‘Ati Ilma kiyya; Ani adha si uumadheera’ jedhantee barreeffanteerti. Akka inni du'a irraa isa kaasee fi tortoree hin jirre Waaqi mirkaneessiisaaf, ‘Ani eebba woyyichaa fi addatamaa, ka Daawwitiif waadaa gale isiniif hin kenna’ jedheera. Tanaaf kitaaba Faaru'uu ka dhibii keessalle'etti, ‘Ati Woyyichi keeti awwaala keessatti akka tortoru hin lakkittu’ jedha. Daawwiti bara ifiititti fedha Waaqaa tajajilee du'eera; nafi isaalle abbootii isaa biratti awwaalamee tortoreera. Ka Waaqi du'a irraa kaase ammoo, nafi isaa hin tortorre. Tanaaf obboleeyyan tiyya, araarri cubbu'uu karaa Yesuusiitiin akka isinii lallabame beeka'a. Nami isatti dhugeeffatu duudiin, cubbuu seerri karaa Muuse'eetiin kenname bilisa baasiisaaf hin dandeenne duudii jalaa bilisa baya. Tanaaf wonni raagoti, ‘Ilaala'a, isin worra shasheessitoota! Baaseffadha'a! Bada'a! Waan eennulle yoo isinitti hime hin dhugeeffanne, ani bara keessanitti hin huja’ jedhantee ta dubbatante akka isin irratti hin muummonne ifi eegadha'a” jedhe. Yennaa Phawuloosii fi Baarnaabaas Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessaa bayanee deemanu, Sanbata itti aanu dhufanee marroo waan kanaa akka itti himanuuf namooti isaan kadhatane. Kolbaan wolde'a Mana Waaqeffannaa Yihudootaa irraa kaateen duuba, Yihudoota heddu'uu fi worri Yihudoota hin te'in ka gara dhugeeffannaa Yihudootaa deebi'ane, Phawuloosii fi Baarnaabaas hordofane. Phawuloosii fi Baarnaabaas isaan haasessanee, badhaadha Waaqaatiin jabaatanee akka jiraatanu isaan gorsane. Sanbata itti aanu worra qachaa sanii keessaa hedduun Jecha Waaqaa dhage'iisaaf wolitti qabamane. Worri Yihudootaa heddinna namootaa yennaa dhagge, hinaaffa'aan guutamanee, waan Phawuloos jedhu moromanee isa arrassane. Phawuloosii fi Baarnaabaas ammoo sodaa malee, “Jechi Waaqaa dursee isiniif himamuu qabaayyu; isin ammoo fudhatuu diddanee, jiruu bara baraatitti galiisaaf worra hin malle eega ifiin jettane, nuuti isin lakkinnee gara worra Yihudoota hin te'inii dhaqaarra. Goottaan, ‘Haga qaccee lafaa duudii fayyinna akka fiddu, Ani worra Yihudoota hin te'iniif ifa si godheera’ jedhee nu ajajeera” jedhane. Worri Yihudoota hin te'in tana yennaa dhage'e, gammadee jecha Waaqaalle ulfeesse; worri jiruu bara baraatiif filameeru duudiille dhugeeffate. Jechi Gootta'aalle adaala biyya sanii maratti babadhatte. Yihudooti ammoo, dubartoota dureeyyii ta dhugeeffannaa Yihudootaa hordottuu fi worra gugurdaa qachaa sanii, Phawuloosii fi Baarnaabaas irratti miidhaa akka kaasanu godhanee, adaala biyya sanii keessaa isaan baasane. Phawuloosii fi Baarnaabaas tana isaanitti mormiisaaf bukuu miila isaanii dhodhowatanee, gara qachaa Iqoniiyumii deemane. Dhugeeffattooti qachaa Anxokiya'aa gammadaa fi Ayyaana Woyyichaan guutante. Phawuloosii fi Baarnaabaas qachaa Iqoniiyumii keessalle'etti gara Mana Waaqeffannaa Yihudootaa seenanee, akka maltetti waan barsiisaneef, Yihudootii fi Giriikoti hedduun dhugeeffatane. Yihudooti hin dhugeeffatin ammoo, worra Yihudoota hin te'in kakkaasanee, dhugeeffattoota akka jibbanu godhane. Tanaaf Phawuloosii fi Baarnaabaas, sodaa malee marroo Gootta'aa dubbataa yennaa hedduu achi turane; Goottaalle akka isaan baasaa fi bilbaasota godhanu hunna isaanii kennee, Jecha badhaadha ifii mirkaneesse. Worri qachaa sanii ammoo, gargar qoqoodamee, gariin gara Yihudootaa, gariin gara ergantootaa gorane. Worri Yihudoota hin te'inii fi Yihudooti, bulchitoota ifii woliin te'anee, Phawuloosii fi Baarnaabaas rakkisiisaa fi dhaka'aan tumiisaaf barbaadane. Phawuloosii fi Baarnaabaas yennaa tana beekane, gara qachoota lafa Liqaa'oniya'aa ka Lisxira'aa fi Derbee jedhamanuutii fi biyya adaala sanii baqatane. Isaan achitti Oduu Gammadaa lallabane. Qachaa Lisxira'aa keessa namichi miilli isaa naafateeru tokko jiraayyu; inni guyyaa dhalateenuu jalqabee fafa waan te'eef, miila ifiitiin deemee hin beeku. Namichi kun achi tee'ee waan Phawuloos jedhu dhage'aa ture. Phawuloos namicha hubatee ilaalee, dhugeeffannaa isa fayyittu akka inni qabu yennaa dhagge, “Ka'ii qajeelii, miila keetiin dhaabadhu” jedhee qoonqoo guddo'oon dubbate. Namichille utaalee ka'ee, asii fi achi deemuu jalqabe. Gumiin waan Phawuloos godhe yennaa dhaggite, qoonqoo guddo'oon, “Waaqoti namoota fakkaatanee gara keenna gad bu'aneeran” jedhanee afaan Liqaa'oniya'aatiin dubbatane. Baarnaabaasii, “Ze'os” jedhanee maqaa mootii waaqota ifiitiin moggaasane; Phawuloos ammoo ka guddoo dubbate waan te'eef, akka ergamaa waaqota ifiititti, “Hermees” jedhanee moggaasane. Hayyichi, galma Ze'osii ka qacha'aan ala jiru keessa tajaajilu, korommi'ii fi daraaraa gara karra qacha'aa fidee, kolbaa woliin Phawuloosii fi Baarnabaasiif ciincaa dhikeessiisaaf barbaade. Phawuloosii fi Baarnaabaas waan kana yennaa dhage'ane woyaa ifii tarsaasanee, gara odduu kolba'aa rukkisane; qoonqoo ifiille ol qabatanee, “Jarana, isin maaf waan kana gootan? Nuutille namuma akka keessanii ti. Nuuti akka isin waan gatii hin qanne irraa fagaattanee, gara Waaqa jiraataa ol-gubbaa, lafa, abbaayaa gudditti'ii fi waan isii keessa jiru duudii dadee, akka deebitanu Oduu Gammadaa isiniif lallabaarra. Bara dhaloota dabareetitti kolbaan duudiin karaa ifii akka deentu Waaqi isaan lakkiseera. Te'uu malee bokkeya ol-gubbaa irraa isiniif kennaa, midhaan yennaa ifiitti akka midhaan buusuu godhaa, sagalee isiniif kennaa, gadhaa keessan gammadaan guutaa, waan dansaa godhiisaan Waaqummaa ifii mudhiseera” jedhane. Ergantooti tana mara dubbatanulle, rakkinna jaba'aan ciincaa akka isaaniif hin dhikeessine jara dhooggane. Yihudooti ammoo qachoota Anxokiya'aatii fi Iqoniiyumii dhufanee, akka kolbaan yaada isaanii fudhattee Phawuloos irratti kaatu godhanee, dhaka'aan isa tumane; du'eera seyaneelle qachaa keessaa harkisanee gad baasane. Te'uu malee yennaa dhugeeffattooti dhufanee isatti naannowanee dhaabbatane, Phawuloos lafaa ka'ee gara qacha'aa ol deebi'e. Boruyyaa Baarnaabaas woliin gara qachaa Derbe'ee dhaqe. Phawuloosii fi Baarnaabaas qachaa Derbe'eetitti Oduu Gammadaa lallabanee, namoota hedduu dhugeeffattoota godhaneen duuba, gara qachoota Lisxira'aa, Iqoniiyumii fi Anxokiyaa biyya Phisiidiyaa keessatti dhaggantuu deebi'ane. Isaan dhugeeffattoota jajjabeessaa, dhugeeffannaalle'een akka jabaatanu gorsaa, “Gara Mootummaa Waaqaa galiisaaf rakkoo hedduu keessa qaxxaamuruu qanna” jedhane. Ergantooti wolde'a kiristaanaa tokko tokkottuu jaarsolee filanee, laamanee daadimataneen duuba, Goottaa itti addatanetti magannee isaan kennatane. Phawuloosii fi Baarnaabaas biyya Phisiidiyaa keessa dabaranee gara biyya Phamfiliya'aa dhufane. Phergeelle'etti Jecha Waaqaa lallabaneen duuba, gara qachaa Ataalii'aatti gad bu'ane. Achille'ee gara addee hujii amma muummessane tanaaf, badhaadha Waaqaatiif itti kennamanee, hoboloo gudditti'iin Anxokiya'atti deebi'ane. Isaan Anxokiyaa yennaa geyane, kolbaa wolde'a kiristaanaa wolitti qabanee, waan Waaqi karaa isaaniitiin godhe duudi'ii fi worra Yihudoota hin te'iniif karaa dhugeeffanna'aa attam akka bane himane. Achille'etti dhugeeffattoota woliin yennaa hedduu turane. Worri gariin biyya Yihuda'aa irraa gara Anxokiya'aa dhufee, “Akka Seerri Muuse'ee ajajutti haqanqabaa yoo qabatane malee, fayyuu hin dandeettanu” jedhaa dhugeeffattoota barsiisuu jalqabe. Wonni kun akka Phawuloosii fi Baarnaabaas, namoota san woliin falmanuu fi moromanu goote. Tanaaf Phawuloosii fi Baarnaabaas dhugeeffattoota dhibii ka biyya Anxokiya'aa keessa jiranu garii woliin gara Yerusaalemii dhaqanee, waan kana ergantootaa fi jaarsolee wolde'a kiristaanaa woliin akka ilaalanu murteeffame. Tanaaf isaan wolde'a kiristaanaatiin ergamanee deemane; isaan Finiiqe'ee fi Samaariyaa keessa taraa, worri Yihudoota hin te'in gara Waaqaa akka deebi'ee fi dhugeeffate himane. Oduun tunille dhugeeffattoota duudii guddoo gammachiitte. Yennaa isaan Yerusaalem geyane, wolde'i kiristaanaa, ergantootaa fi jaarsoleen isaan fudhatane; worri ergamelle Waaqi isaan woliin jiraatee waan godhe mara itti himane. Golii worra Farisaayotaa keessaa dhugeeffattooti gariin ammoo ol ka'anee dhaabbatanee, “Worri Yihudoota hin te'in akka haqanqabaa qabatuu fi Seera Muuse'ee akka eegatu godhuun barbaachisa'a” jedhane. Ergantootaa fi jaarsoleen dubbii tana ilaaliisaaf wolitti qabamane. Moromaa heddu'uun duuba Pheexroos ol ka'ee, “Obboleeyyan tiyya, worri Yihudoota hin te'in karaa kiyyaan Oduu Gammadaa dhage'ee akka dhugeeffatuuf, tanaan dura Waaqi isin keessaa akka ana file hin beettan” jedheen. Waaqi gadhaa namaa beeku, Ayyaana Woyyicha akkuma nu'uuf kenne, isaanille'eef kennee akka isaan fudhate dhugaa bayeef. Inni gadhaa isaanii dhugeeffanna'aan waan qulqulleesseef, nu'uu fi isaan wodhakka'atti garaa garummaa hin goone. Yoona ba'aa abbootii teennaalle te'e nuuti ba'atiisaaf hin dandeenne, qaacira dhugeeffattootaa irratti feetanee, maaf Waaqa haga ilaaltan? Nuutille akkuma isaanii, badhaadha Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin akka fayyine hin dhugeeffanna” jedhe. Baarnaabaasii fi Phawuloos baasaa fi bilbaasota Waaqi karaa isaaniitiin worra Yihudoota hin te'in oddu'utti huje yennaa dubbatanu, gumiin duudiin cadhi jettee dhageette. Isaan dubbatanee fixataneen duuba Yaaqoob deebisee, “Obboleeyyan tiyya, na caqasa'a! Waaqi dursee kolbaa maqaa isaatiin waammantu keessaa filatiisaaf, worra Yihudoota hin te'in attam akka ilaale, Simoon nutti himeera. Dubbiin raagotaa yaada kana woliin guutumatti wolii galti; kunille akkuma Barreeffam Woyyichi, ‘Kanaan duuba ani hin deebi'a; mana Daawwitii ka jige hin ijaara; diigama isaalle deebisee ijaaree, adde'etti hin deebisa. Worri hafe duudiille gara kiyya akka dhufu, worri Yihudoota hin te'in ka ani maqaa kiyyaan waame duudiin kiyya akka te'uuf, Goottaan tana godhu akkas jedha. Kun duriin jalqabee ka beekkameeru’ jedhu. “Tanaaf akka yaada kiyyaatitti, worra Yihudoota hin te'in ka gara Waaqaa deebi'anu rakkisuu hin qannu. Addee akkasii, sagalee waaqotaaf dhikaatiisaan battootte hin nyaatina'a; sagaagala irraa fagaadha'a; foon horii hudhamee du'ee akka hin nyaanne, dhiigalle akka hin nyaanne jennee, isaaniif barreessuu qanna. Duriin jalqabee Seerri Muuse'ee sanbata mara Mana Waaqeffannaa Yihudootaatitti dubbiffameeraayyu; Jechi isaalle qachaa duudii keessatti lallabama” jedhe. Achiin duuba ergantootaa fi jaarsoleen, wolde'a kiristaanaa duudii woliin kolbaa keessaa worra garii filanee, Phawuloosii fi Baarnaabaas woliin gara Anxokiya'aa ergiisaaf murteeffatane. Isaan namoota lama Yihudaa ka Baarnaabaas jedhamuu fi Siilaas, worra dhugeeffattootaan kabajamane filaanee ergane. Xalayaan barreeffamee isaanitti kenname ka asii gad jiru: “Nu ergantootaa fi jaarsoleen obboleeyyan teessan, isin obboleeyyan teenna dhugeeffattoota Yihudoota hin te'in ka qachaa Anxokiya'aa, biyya Sooriya'aatii fi Qiliiqiyaa keessa jirtanuuf nageya keenna dhikeessina. Nu keessaa worri gariin adoo nuuti isaan hin ajajin, gara keessan dhufanee, dubbii isinitti himaneen akka isin rakkisanee fi yaada keessan raasane dhageenneerra. Tanaaf wolitti qabanneen duuba, ifi keessaa namoota foonee, jaalota keenna Baarnaabaasii fi Phawuloos woliin gara keessan ergiisaaf wolii galleerra. Baarnaabaasii fi Phawuloos worra jiruu ifii Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiif dabarsee kenneeru. Woma nuuti barreessine, afaan isaaniitiin akka isinitti himanuuf, Yihudaa fi Siilaas isinii ergineerra. Waan barbaachisaa te'e malee, ba'aa dhibii akka isinitti hin feene, Ayyaana Woyyichaa fi nu'utti dansaa teetee mudhatteerti. Kunille: sagalee waaqotaaf dhikaatte hin nyaatina'a; foon horii hudhamee du'ee hin nyaatina'a; dhigaa isaalle hin nyaatina'a; sagaagala irraa fagaadha'a; yoo waan kana duudii irraa ifi eegattane, waan dansaa gootan; nageeyaan jiraadha'a.” Worri ergame ka'anee gara Anxokiya'aa gad bu'ane; achitti wolde'a dhugeeffattootaa wolitti qabanee, xalayaa san itti kennane. Dhugeeffattooti yennaa xalayaa dubbisane, ergaa jajjabeessitu saniin guddoo gammadane. Yihuda'aa fi Siilaas raagota waan te'aneef, dubbii heddu'uun dhugeeffattoota gorsanee jajjabeessane. Yihuda'aa fi Siilaas guyyoota diqqaa achi turaneen duuba, dhugeeffattootaan nageya wolitti dhaamanee, gara worra isaan ergee deebi'ane. [ Siilaas ammoo achitti hafiisaaf murteeffate.] Phawuloosii fi Baarnaabaas dhugeeffattoota hedduu woliin te'anee, Jecha Gootta'aa barsiisaa, lallabaalle Anxokiyaa keessa turane. Guyyoota diqqa'aan duuba Phawuloos, Baarnaabaasiin, “Koottu deebinee, qachaa Jecha Waaqaa itti lallanne duudii dhandhee, akka dhugeeffattooti dhugeeffanna'aan jajjabaatanee jiranu ilaalla” jedhe. Baarnaabaas ammoo, Yohaannisiin Marqoos jedhamu isaan faana akka deemu barbaade. Phawuloos ammoo, akka nami kun isaan woliin deemu hin eyyanne; sababille inni Phamfiliya'atti hafee, gara huji'iille isaan woliin hin deenne. Tanaaf Phawuloosii fi Baarnaabaas wodhakka'atti wol dhab guddaan ka'ee gargar bayane; Baarnaabaas, Maarqoos ifi faana fudhatee, hoboloo gudditti'iin gara Qophiroosii deeme. Phawuloos ammoo, Siilaas filate; dhugeeffattootille badhaadha Gootta'aatitti Phawuloos magannee kennataneen duuba, inni isaan biraa deeme. Phawuloos wolde'a kiristaanaa jabeessaa, biyya Sooriya'aatii fi Qiliiqiya'aa keessa dabare. Phawuloos gara qachaa Derbe'ee dhaqee, qachaa Lisxira'aatitti dabare. Achi dhugeeffataan Ximootewos jedhamu tokko jiraayyu. Haati isaa Yihudittii kiristaana teeteertu; abbaan isaa ammoo nama Giriiki'ii ti. Ximootewos dhugeeffattoota qachaa Lisxira'aatii fi Inqoniiyum keessa jiranu duudii biratti gurra dansaa qabaayyu. Phawuloos akka Ximootewos isa faana deemu waan barbaadeef, haqanqabaa isa qabe. Sababille Yihudooti achi jiranu duudiin abbaan Ximootewosii Giriikii akka te'e waan beekaneef tana godhe. Isaan qachoota keessa yennaa dabaranu, murtee ergantootaa fi jaarsoleen Yerusaalem keessatti muraneef dhugeeffattooti akka ajajamanu itti himane. Maarre wolde'ooti Kiristaanaa dhugeeffanna'aan jajjabaatanee, guyyuma guyya'aan laakkossaan heddatane. Phawuloosii fi Siilaas lafa Asiya'aatitti Jecha Waaqaa akka hin lallanne Ayyaanni Woyyichi waan dhooggeef lafa Firiigiya'aatii fi Galaatiya'aa keessaa dabaranee deemane. Yennaa fuullee lafa Misiyaasii geyane godina lafa Bitaaniya'aa, dhaqiisaaf wodhaanane. Ayyaanni Yesuusii ammoo isaaniif hin eeyyanne. Maarre isaan lafa Misiyaasii keessa dabaranee, gara Xiroosii gad bu'ane. Halkan san namichi lafa Meqedooniya'aa tokko dhaabbatee, “Gara lafa Meqedooniya'aa koyiitii nu qarqaar” jedhuun Phawuloos yaadaan dhagge. Phawuloos waan kana yaadaan dhaggeen duuba, akka nuuti Oduu Gammadaa kolbaa Maqedooniya'aatiif lallannu, Waaqi akka nu waame waan hubanneef, yoosuma gara Maqedooniya'aa dhaqiisaaf qophoonne. Qachaa Xiroosiitii hoboloo gudditti'iin kaanee, adoo asii achi hin gorin gara oddoola Samotiraaqe'ee dhandhee, boruyyaa gara qachaa Ne'apholiisitti dabarre. Achille'ee qachaa Filiphisiiyusii geenne; qachaan Filiphisiiyusii qachaa guddaa Maqedooniyaa keessatti beekkamu, ka worri Rooma'aa itti qubateeru; achille guyyaa hedduu bubbulle. Guyyaa Sanbataa karra qacha'aatiin ala baanee, gara irga lagaa addee Yihudooti daadimataaf wolitti qabamanuu seenee dhandhe; achi teenneelle dubartoota achitti wolitti qabanteertuuf Jecha Waaqaa barsiinne. Dubartoota nu caqasiisatti jirtu keessaa, dubartiin qachaa Tiyaatira'aatii dhutte, ta woyaa dhiillee gatii guddo'oo gurgurtu takka jirtiiyyu; maqaan isi'ii Liidiyaa jedhama. Isiin dubartii Waaqa waaqonsitu; waan Phawuloos jedhu akka caqattuuf, Goottaan qalbii isi'ii bane. Isi'ii fi worri mana isi'ii keessa jiru cuuphameen duuba, “Akka ani Gootta'atti dhugeeffadhe ka fudhattanu yoo te'e, mana kiyya kowa'aa tura'a” jettee jabeessitee kadhatte. Gaafa tokko gara addee daadimanna'aa adoo deennuu, durrittii garbittii ayyaana hamaa waan gara duraa morsiisu qaddu takkaan woldeenne; isiin moriisaan goottota ifiitiif beesee hedduu galchaa turte. Isiin, “Namooti kun tajaajiltoota Waaqa Ol-ana'aa ti! Isaan karaa fayyinnaa isinitti lallaban” jettee iyyaa Phawuloosii fi nu hordotte. Isiin guyyaa hedduu itti deddeebisaa kana goote. Phawuloos ammoo aaree itti garagalee ayyanni sun isii keessaa akka bawuuf, “Maqaa Yesuus Kiristoosiitiin akka isii keessaa baatu si ajaja” jedhe; ayyaanni sun yoosuma isii keessaa baye. Goottoti isi'ii, addiin beesee isaan dhaggatanuu akka irraa hatte yennaa hubatane, Phawuloosii fi Siilaas qabanee harkisaa gara badhinna dikko'oo fidanee, worra baallii qabu dura dhikeessane. Qondaaltota worra Rooma'aa duratti isaan fidanee, “Jarri tun Yihudoota; isaan qachaa keenna raasiisatti jiran. Isaan aadaa nu worri Rooma'aa fudhatiisaaf yookiin hujiisaaf seeraan ala te'e nu barsiisan” jedhane. Gumiin wol qabattee Phawuloosii fi Siilaas miidhiisaaf kaate. Achiin duuba qondaaltoti, woyaa Phawuloosiitii fi Siilaasii tarsaattee akka isaan ule'een dikamanu ajajje. Akka malee dikamaneen duuba gara mana hidha'aa galchisiisane; achitti jabeessee akka isaan eeguuf, eeddicha mana hidha'aa ajajane. Eeddichi ajaja kana fudhateen duuba, kolloo mana hidha'aa ta keessaatitti isaan galchee, miila isaanii jirma ulfaataa lama wodhakka'atti jabeessee hidhe. Gara halkan wodhakka'aatitti Phawuloosii fi Siilaas daadimanna'aa fi faaru'uun Waaqa leellifataaraniiyyu; worri hidhame dhibiille isaan caqasaaraayyu. Dedhuma haga hundeen mana hidha'aa raafantutti tacho'i lafaa guddaan te'e; balbalti duudiin takkumaan banante; wodaroon sibiilaa namoota hidhamane duudii irraa hiikante. Namichi mana hidha'aa eegu hirriibaa dammaqee, balbalti mana hidha'aa bananteertuun yennaa dhagge, worri hidhameeru isa duuraa waan miliqeeru seyee, ifi ijjeesiisaaf goraadee buqqifate. Phawuloos ammoo qoonqoo guddo'oon, “Nu martinuu waan asi jirruuf, woyi ifi hin godhin” jedhaa itti iyye. Yennaa kana namichi mana hidha'aa eegu, ifa fichisiifatee gara mana hidha'aa ol seenee, rorommaa miila Phawuloosiitii fi Siilaasititti jige. Achiin duuba inni isaan gad yaasee, “Goottota tiyya! Ani fayyiisaaf maan godhuu qaba?” jedhe. Isaan deebisanee, “Goottaa Yesuusitti dhugeeffadhu; ati hin fayyita; maatiin teetille hin fayyiti” jedhane. Achiin duuba Jecha Waaqaa isaa fi worra mana isaa keessa jiru duudi'iif himane. Halkan sa'aatuma sanitti, namichi mana hidha'aa eegu isaan fuudhee madaa isaanii dhiqe; yoma san innii fi worri mana isaa duudiille cuuphame. Kanaan duuba inni Phawuloosii fi Siilaas gara mana ifii geessee, sagalee isaaniif dhikeesse; inni Waaqatti waan dhugeeffateef, innii fi maatiin isaa guddoo gammadane. Boruyyaa ganama qondaaltoti worra Rooma'aa, “Jara san gad dhiisi!” jedhanee namicha mana hidha'aa eegutti akka himanuuf Poolisoota itti ergane. Maarre namichi mana hidha'aa eegu, “Qondaaltoti worra Rooma'aa akka isin gad lakkiffantanu nutti erganeeran; tanaaf gad baya'aatii nageyaan deema'a” jedhee Phawuloositti hime. Phawuloos ammoo, “Jarri tun nuuti worra Rooma'aa teenee adoo jirruu, adoo yakkaan nu'utti hin muramin kolbaa duratti nu dhaananee, mana hidha'aatitti nu galchane; amma ammoo dhossa'aan gad nu baasanii? Tun hin teetu! Isaanuu dhufanee nu baasanuu ti” jedhe. Poolisooti waan kana qondaaltota worra Rooma'aatitti himane; qondaaltoti worra Rooma'aalle Phawuloosii fi Siilaas worra Rooma'aa akka te'ane yennaa dhage'ane sodaatane. Tanaaf dhufanee araara isaan gaafatanee, mana hidha'aa keessaa isaan baasane; qachaa keessalle'ee akka bayanuuf kadhatane. Phawuloosii fi Siilaasille mana hidha'aa keessaa bayanee, gara mana Liidiya'aa dhaqane. Achitti dhugeeffattoota dhagganee jajjabeessane; achiin duuba ka'anee deemane. Phawuloosii fi siilaas qachoota Amfiipholiisiitii fi Apholoniya'aa keessa dabaranee, gara qachaa Tasaloonqe'ee dhaqane; achi manni waaqonfannaa Yihudootaa jiraayyu. Phawuloos akkuma yennaa mara godhu mana waaqoffannaa Yihudootaa seenee, Sanbata sadi marroo Barreeffama Woyyichaa isaan woliin dubbate; inni dubbii isaaniif issee himaa Masiihiin rakkatiisaa fi du'aa ka'uu akka qabu mirkaaneessee, “Yesuusiin ani isinitti lassu kun Masiihi'i” jedhe. Isaan keessaa gariin, Giriikoota Waaqa waaqonfatanu heddu'uu fi dubartooti beekkamane hedduun dubbii isaa fudhatanee, Phawuloosii fi Siilaas woliin wol qabatane. Yihudooti ammoo isa hinaafanee, namoota hujii malee karaa irra yaa'anu wolitti qabanee, hammeessanee, nageya booressane; isaan qachaa san duudii raasanee, Phawuloosii fi Siilaas kolbaa duratti gad baasiisaaf mana namicha Yaason jedhamuu cassane. Yennaa Phawuloosii fi Siilaas dhabane ammoo, Yaasonii fi dhugeeffattoota garii harkisanee, bulchitoota qacha'aa duratti geessanee, “Worri biyya lafaa duudii rakkise kun, amma gara qachaa kennaalle dhufeera. Yaasonille mana ifiititti isaan fudhateera; isaan duudiin, ‘Mootiin dhibiin ka Yesuus jedhamu jira’ jedhaa, seera mootiicha mootota worra Rooma'aa morman” jedhaa iyyane. Gumi'ii fi bulchitooti qachaa sanii waan kana yennaa dhage'ane raafamane. Worri bulchitootaa Yaasonii fi woraa isa woliin jiranu wobii waansisanee gad lakkisane. Halkanuma san dhugeeffattooti, Phawuloosii fi Siilaas gara qachaa Beriya'aa ergane. Isaan yennaa achi geyane mana waaqeffanna Yihudootaa dhaqane. Yihudooti Beriyaa jiranu worra Tasaloonqee caalaa yaada dansaa qaban. Isaan wonni Phawuloos dubbate dhugaa akka teete beekiisaaf, guyyuma guyya'aan fedhii guddo'oon Barreeffama Woyyicha qorqorane. Isaan keessaa worri hedduun, Giriikoota keessalle'ee dubartooti beekkamanee fi dhiirti hedduun dhugeeffatane. Yihudooti Tasaloonqee keessa jiranu ammoo, Phawuloos Jecha Waaqaa qachaa Beriya'aalle'etti akka lallabe yennaa dhage'ane, achille dhaqanee kolbaa hammeessanee nageya booressane. Yoosuma dhugeeffattooti Phawuloos gara irga abbaayaa gudditti'ii ergane; Siilaasii fi Ximootewos ammoo qachuma Beriya'aatitti hafane. Namooti Phawuloos geegessane qachaa Ateena'aatiin isa geyanee, dhaansa Phawuloos, “Siilaasii fi Ximootewos ariiti'iin gara kiyya dhufanuu ti” jedhe fuudhanee gara qachaa Beeriya'aa deebi'ane. Phawuloos qachaa Ateena'aa keessatti Siilaassii fi Ximootewos adoo eeguu waaqoti qachaa san attam akka guutane yennaa dhagge, gadhaan isaa gubate. Maarre inni Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti Yihudootaa fi Giriikoota Waaqa waaqeffatanu, worra addee dikko'ootitti dhaggu wolille'een dudubbate. Worra Ephequriyoosii fi Istoyikos jedhamanu keessaa ka waan biyya lafaa qorqoranu isatti falamane; gariin, “Funaantichi kun maan jedhuu barbaada?” jennaan, Worri dhibiille waan Phawuloos marroo Yesuusiitii fi du'aa ka'a isaa lallabeef, “Inni marroo waaqota ormaa dubbatara fakkaata” jedhane. Maarre isaan Phawuloos qabanee kora gaara Aariyophaagos jedhamuu irratt wolitti qabamu dura geessanee, “Barsiisa haareya ati barsiittu kana maan akka te'e beekuu dandeennaa? Wonni ati jettuun dhageenne gariin haareya nutti teeteerti. Tanaaf wonni kun maan akka teete beekuu barbaanna” jedhaneen. Worri Ateena'aa duudi'ii fi ormi achi le'u duudiin waan haareya odeessu'uu fi dhage'uu malee, yenna ifii waan dhibii irratti hin dabarsanu. Phawuloos kora mura'aa ka gaara Aariyophaagosii dura dhaabbatee, “Worra Ateena'aa, isin karaa maraanuu namoota dhugeeffanna'aa akka teetane dhaggeera. Ani qachaa keessan keessa dabaruun, addee isin Waaqa waaqeffattanu yennaa ilaale, addee ciinca'aa ‘Waaqa hin beekkanneef’ jedhamee irratti barreeffame tokko dhaggeera. Yoona ani Waaqa isin adoo hin beekin waaqeffattanu kana, isinitti lallaba. Waaqi biyya lafaatii fi waan isii keessa jiru mara dade, Goottaan ol-gubba'aatii fi lafaa, galma harka namatiin ijaarame keessa hin le'u. Inni nama duudi'iif jiru'uu fi hafuura, waan dhibii maralle ka kennu waan tee'eef, wonni isa irraa dhidhatu hin jiru; qarqaarsi namaalle isaaf hin barbaachisu. Inni sanyii namaa duudii nama tokko irraa dadee, lafa mara irra akka le'anu godhe; inni bara leetoo isaaniitii fi addee leetoo isaaniille meessaa itti godhe. Waaqi akka namooti isa barbaadanee qorqoranee, akka dhagganuuf tana godhe. Te'uu malee Waaqi tokko tokkoo keenna irraa fagoo hin jiru. Nuuti isaan jiruu dhagganna; isaan tachoona; isaan leena. Isin keessaa worri weeddisu akkuma jedhu, ‘Nuutille ijoollee isaa ti’. Nuuti eega ijoollee Waaqaa teene ‘Waaqi fakkii worqii irraa yookiin meetii irraa yookiin dhakaa irraa hojjatame fakkaata’ jennee yaaduu hin qannu. Bara durii waan kolbaan wollaalchaan goote, Waaqi itti hin laakkonne; amma ammoo kolbaan addee mara jirtu duudiin, akka cubbuu irraa deebitu ajaja. Inni karaa nama filateetiin, biyya lafaa maratti guyyaa itti muru murteesseera; nama filate san du'aa kaasiisan, waan kana nama maraaf mirkaneesseera” jedhe. Phawuloos marroo du'aa ka'iisaa dubbatuun yennaa dhage'ane, worri gariin itti murge; worri dhibiin ammoo, “Nuuti marroo waan kanaa ammalle si irraa hin dhageenna” jedhane. Yennaa san Phawuloos kora mura'aa lakkisee deeme. Worri gariin ammoo waan inni jedhe gula goree dhugeeffate. Worra dhugeeffate keessaa Diiyoniisiyos ka jedhamu miseensa kora muraa Aariyophaagosii ka te'e, akkasuma dubartii Damaariis jedhantu takkaa fi worri dhibiille jiran. Kanaan duuba Phawuloos qacha Ateena'aa lakkisee, gara qachaa Qorontoosii dhaqe. Achitti Yihudicha biyya Phonxosiititti dhalate, ka maqaan isaa Aqiilaa jadhamu tokkoon wol dhagge. Kilaawudiiyosiin mootichi worra Rooma'aa, Yihudooti duudiin biyya Rooma'a keessaa akka bayanu waan ajajeef, Aqiilaan haadha manaa ifii Pharisiqiilaa woliin dhiyootti biyya Ixaaliyaatii dhufeeraayyu. Phawuloos isaan dhaggiisaaf dhaqee, hujiin isaallee akkuma isaanii dunkanii hodhuu waan teeteef, isaan bira tee'ee hojjate. Sanbata Sanbata Phawuloos Mana Waaqeffannaa Yihudootaa dhaqee, Yihudootaa fi Giriikoota dhugeeffachiisu'uuf wodhaane. Siilaasii fi Ximootewos biyya Maqedooniya'aatitii yennaa deebi'ane, Phawuloos yennaa ifii mara Jecha Waaqaa lallabaa, Yesuus Masiihii akka te'e Yihudootaaf dhugaa baye. Yihudooti isa mormanee arrassinaan, inni bukuu woyaa ifii irraa dhodhowatee, “Dhiigi keessan isinittuu deebi'a; ani itti hin gaafatamu. Ammaa jalqabee gara worra Yihudoota hin te'inii dhaqa” isaaniin jedhe. Achiin duuba Phawuloos Mana Waaqeffannaa Yihudootaatii ka'e, gara mana namicha Tiitoosii Yusxos jedhamu, ka Waaqa waaqeffatuu dhaqe; manni namicha sanii mana Waaqeffannaa Yihudootaa bira jiraayyu. Kiriisphos ka jedhamu bulchaan mana waaqeffanna Yihudootaa, nama ifii duudii woliin Gootta'atti dhugeefate; Qorontoos keessalle'ee kolbaan dhibiin hedduun, waan Phawuloos dubbate dhageettee dhugeeffattee, cuuphante. Goottaan gaafa tokko oojju'uun Phawuloositti dubbatee, “Hin soodaatin; lallabuma lallabi malee, hin cadhisin. Ani si woliin jira; ani qachaa kana keessaa kolbaa hedduu waan qabuuf, eenulle si hubiisaaf hin dande'u” jedhe. Maarre Phawuloos woggaa tokkoo fi ji'a jaa, Jecha Waaqaa kolbaa barsiisaa ture. Bara Gaalii'oon bulcha biyya Akaayya'aa te'etti Yihudooti wolii galanee, Phawuloos qabane; isaan gara mana mura'aa isa geessanee, “Nami kun karaa seera keenna mormuun, kolbaa sossobaa akka Waaqa Waaqeffattu godha” jedhane. Phawuloos adoo dubbatiisaaf jedhuu, bulchaan Gaalii'oon Yihudootaan, “Wonni kun yakkaa hantuu yookiin dogongora hojjatame adoo teete, himata keessan silaa hin dhage'aayyu. Ammoo wonni kun marroo moromaa jechootaa, marroo moromaa maqa'aatii fi seera keessanii eega teete, isinuu fixadha'a. Ani waan kana irratti hin muru” jedhee, mana mura'aa keessaa isaan ari'e. Yennaa kana isaan martinuu, bulchaa Mana Waaqeffannaa Yihudootaa Sosteneesii qabanee, mana mura'aa duratti tumane. Gaalii'oon ammoo waan kana woyittuu hin laakkonne. Phawuloos guyyaa hedduu dhugeeffattoota woliin Qorontoos keessa ture; achiin duuba nageya isanitti dhaamee, hobolo'oon Phirisqiila'aa fi Aqiilaa woliin gara Sooriya'aa dhaqe; Phawuloos waadaa Waaqaaf gale waan qabuuf, lafa Kanchire'aa jedhantutti mataa ifii haadate. Qachaa Efesoonii yennaa geyane, Pharisiqiila'aa fi Aqiilaa achumatti lakkisee, Mana Waaqeffannaa Yihudootaa seenee Yihudoota woliin dubbate. Isaan akka Phawuloos yennaa dheertuu isaan woliin turuuf gaafannaan, inni ammoo hin eeyyanne. Ammoo “Yoo fedha Waaqaa teete deebi'ee hin dhufa” jedhee, nageya isaanitti dhaamee hobolo'oon Efesoonii ka'ee deeme. Inni qachaa Qiisaariya'aa yennaa geye, gara Yerusaalemii dhaqee wolde'a kiristaanaatiif nageya dhikeessee, achiiin duuba gara Anxokiya'aa gad bu'e. Yennaa diqqoo Anxokiyaa tureen duuba ka'ee, biyya Galaatiya'aatii fi Firiigiya'aa keessa dabaree, deddeemee dhugeeffattoota duudii jajjaabeesse. Yennaa san Yihudichi Apholoos jedhamu tokko, ka qacha Iskindriya'atti dhalate gara qachaa Efesoonii dhufe. Inni nama Barreeffama Woyyicha miidhassee beekuu fi nama dandeettii dubbi'ii qabu. Inni nama karaa Gootta'aa baratee fi gammada gudda'aan marroo Yesuusii sirri'itti lallabee barsiise. Te'uu malee inni cuuphaa Yohaannisii callaa beeka. Inni sodaa malee Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti dubbatiisa jalqabe. Pharisqiila'aa fi Aqiilaan dubbii isaa yennaa dhage'ane, gara mana ifii isa fudhatanee marroo karaa Gootta'aa caalchisane sirri'itti itti himane. Apholoos gara Akaayya'aa deemiisaaf yennaa barbaade, dhugeeffattooti Efesoon keessaa isa jajjabeessanee, dhugeeffattooti Akaayyaa keessaa akka isa fudhatanuuf xalayaa barreessaneef. Inni yennaa achi geye, worra badhadha Waaqaatiin dhugeeffattoota te'aneef qarqaarsa te'e. Inni Yesuus Masiihii akka te'e Barreeffama Woyyicha keessaa isaaniif mirkaneessaa, kolbaa duratti Yihudoota mormi'iin injifate. Apholos Qorontoos keessa adoo jiruu, Phawuloos biyya koobittii olii keessa dabaree, gara Efesoonii dhufe; achitti dhugeeffattoota garii dhaggee, “Isin yenna dhugeeffattane Ayyaana Woyyicha fudhattaneertanii?” jedhee isaan gaafate. Isaan deebisanee “Hin fudhanne; akka Ayyaanni Woyyichi jiruuyyu nuuti hin dhageenne” jedhane. Phawuloos, “Maarre cuuphaa attamii fudhattane ree?” jedhe. Isaan deebisanee, “Cuuphaa Yohaannisii ti” jedhane. Phawuloos, “Cuuphaan Yohaannisii ka cubbuu irraa deebi'iisaa ti; Yohaannisinuu ka isaan duuba dhufu, Yesuusitti akka dhugeeffatanu kolbaa Israa'eliititti himeera. Isaan yennaa tana dhage'ane, maqaa Goottaa Yesuusiitiin cuuphamane. Yennaa Phawuloos harka ifii isaan irra keye, Ayyaanni Woyyichi isaan irra bu'e; isaan afaan haareya hin beekkanneen dubbatanee, raagalle raagane. Isaan wolumatti gara nama kudhanii lamaa ti. Phawuloos gara Mana Waaqeffannaa Yihudootaa seenee, sodaa malee haga ji'a sadii kolbaa woliin dubbatee, marroo mootummaa Waaqaa isaan hubachiisaa ture. Isaan keessaa gariin ammoo mataa jabaatanee, marroo karaa Gootta'aa nama duratti waan hantuu jedhaa, dhugeeffatiisa didane. Maarre Phawuloos isaan lakkisee, dhugeeffattoota qofitti fuudhee, guyyuma guyya'aan mana barumsa Xiraanosii keessatti woliin dudubbataa ture. Tun haga woggaa lamaa waan teeteef, kolbaan biyya Asiya'aa keessa jirtu duudiin Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'in Jecha Gootta'aa dhage'ane. Waaqi bilbaasa te'ee hin beenne karaa Phawuloosiitiin hujiisatti jiraayyu. Kanaaf woyaa nafa Phawuloosii tuxxee fi huccuu inni danfaan haxowatu fuudhanee, worra dhibame yennaa tuqisiisane, worri dhibame fayye; ayyaanni hamaalle keessaa baye. Yihudooti asii fi achi deddeemaa ayyaanota hamaa namoota keessaa baasanu, “Maqaa Yesuusii Phawuloos lallabuutiin akka baatanu isin ajanya” jedhaa, ayyaanota san baasiisaaf wodhaanane. Ilmaan Iskoyaasii hayyicha Guddaa Yihudootaa torba tana godhaa turte. Ayyaanni hamaan ammoo, “Ani Yesuus hin beeka; Phawuloosille hin beeka; isin ammoo eennu?” isaaniin jedhe. Namichi ayyaanni hamaan qabeeru isaanitti utaalee, isaan duudii injifate; isaanille mammadowanee woyaan irraa tarsaateertuun mana sanii baqatane. Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'in ka Efesoon keessa jiranu duudiin, waan kana dhage'anee sodaatane; maqaan Goottaa Yesuusiille ulfinna guddaa dhaggate. Dhugeeffattoota keessaa worri hedduun dhufanee, cubbuu ifii mudhi'itti himatane. Worri Xanoo huju hedduun kitaabota ifii wolitti qabanee, kolbaa duratti gubane. Gatiin kitaaboota sanii hedaan gara meetii kuma shantamaa hin geya. Karaa hunnaamessa kanaan dubbiin Gootta'aa badhataa, guddataa deente. Wonni kun marti teeteen duuba, Phawuloos biyya Maqedooniya'aatii fi Akaaya'aa keessa dabaree, gara Yerusaalemii dhaqiisaaf murteeffate; inni, “Ani achi dhaqeen duuba, biyya Rooma'aalle ilaaluu qaba” jedhe. Maarre inni qarqaartota ifii keessaa lamaan Ximootewoosii fi Erasxos gara Maqedooniya'aa ergee, inni haga diqqaa lafa Asiya'aa keessa ture. Yennaa san qachaa Efesoonii keessatti sababa karaa Gootta'aatiif hogaan guddaan ka'e. Namichi meetii baqisiisuu ka maqaan isaa Demeexros jedhamu tokko, fakkii waaqota galma Arxemiisii hujee, worra meetii baqisiisuuf bu'aa guddaa galchaa ture. Maarre inni worra meetii baqisiisuu fi worra akkuma isaanii hujulle wolitti qabee, “Jarana, nuuti karra ka dhaggannu hujii tanaan akka teete hin beettan. Namichi Phawuloos jedhamu kun Efesoon keessa calla'atti adoo hin te'in, lafa Asiya'aa duudii keessatti, waaqi harkaan hujamu ijjumaa waaqaa moti jedhaa, kolbaa hedduu sossobee akka dhugeeffachiise, isinuu dhaggitanee dhageettaneertan. Akka kanaan hujiin teenna hin tuffatanti; tana qofa adoo hin te'in galmi Arxemiisii waaqitti gudditti'ii ka Asiya'aa fi biyyi lafaa duudiin waaqonfattu gatii dhabee hafaara; guddinni isi'iille badaara” isaaniin jedhe. Isaan yennaa tana dhage'ane guddoo aaranee, “Arxemiisiin worra Efesoonii gudditti'i!” jedhaa iyyane. Yoosuma hogaan qachaa duudii keessatti ka'e. Worri hogisu jara lamaan Maqedooniya'aa worra Phawuloos woliin deemaa ture Gaayosii fi Arisxaarkos qabanee harkisanee, gara addee tapha itti mudhisanu rukkisane. Phawuloos gumii dura bayee dhabbatiisaaf barbaadee, dhugeeffattooti ammoo isa dhoogite. Bulchitooti lafa Asiya'aa gariin ka lansa Phawuloosii te'ane, akka inni addee tapha itti mudhisanuu hin dhandhe, itti erganee kadhatane. Gumii wodhakka'aatti hogaan guddaan waan jiruuf, tokko waan tokko jedhaa yoo hogisu, kuun waan dhibii jedhaa hogisaaraayyu; hedduun isaaniille maaf akka wolitti qabamane hin beekanuuyyu. Yihudooti gariin namicha Iskindir jedhamu kolbaa duratti darbanee baasane; kolbaa keessaa gariin akka inni isaaniif falmatu itti himane. Iskindirille akka kolbaan cadhittu harka ifiitiin beessisee, dubbii falmataa dubbatiisaaf qophoye. Isaan ammoo akka inni Yihudii te'e yennaa beekane, “Arxemiisiin Efesoonii gudditti'ii” jedhaa isaan martinuu haga sa'aatii lama iyyane. Barreessaan qachaa sanii gumii cadhisiisee, “Worra Efesoonii! Worri qachaa Efesoonii galma Arxemiisii gudditti'iitii fi fakkii dhakaa isi'ii ka ol-gubba'aa bu'e akka eeganu, nami hin beenne jiraa? Waan kana nami mormu tokkolle waan hin jirreef, cadhisa'a malee waan tokkolle godhiisaaf hin jajjarina'a. Isin adoo jarri tun meya galmaa hin saamin yookiin waaqota keennalle adoo hin faanshesin as fiddaneertan. Demeexroosii fi worri meetii baqisiisu ka isa woliin jiru, waan ittiin nama himatanu yoo qabaatane, guyyaan mura'aa jira; worri muraa kennulle jira; achitti wol falmanuu ti. Tana malee, wonni isin barbaaddanu yoo jiraatte ammoo, kora mura'aa ka qacha'aatiin ilaallama. Waan adha te'e kanaaf, hogaa kaattaneertan jedhannee himatamuu hin dhannu; hogaan kun sababa maaniitiin ka'e jedhane yoo nu gaafatane, waan deebinnu hin qannu” jedhe. Tana dubbateen duuba, wol geyiin akka deentu godhe. Hogaan qabbanoyeen duuba, Phawuloos dhugeeffattoota duudii waamee, jajjabeesee, nageya itti dhaamee, isaan lakkisee gara Maqedooniya'aa dhaqiisaaf ka'e. Inni lafa keessa dabaretti dhugeeffattoota gorsa heddu'uun jajjabeessaa, gara biyya Giriikii deemee, ji'a sad achi ture. Inni hobolo'oon Sooriyaa dhaqiisaaf adoo qophawuu, worri Yihudootaa akka mala itti dhowe yennaa beeke, karaa Maqedooniya'aatiin deebi'iisaaf murteeffate. Sophaaxros ilmi Phiirosii nama Beriya'aa, Arisxaarkosii fi Sekundos nami Tasaloniiqe'ee, Gaayos nami Derbe'ee, Ximootewos, Xikiqoosii fi Xirofomoos nami Asiya'aa, Phawuloos woliin deemane. Jarri tun nuun dura dhaxxee Xiro'aasitti nu eedde. Nuuti ammoo guyyaan Jila Daabboo Uukoo hin qanne dabareen duuba, Filiphisiiyusii irraa hobolo'oon kaanee, guyyaa shaniin duuba isaaniin wol dhagginee, torbaan tokko achi turre. Torbaan keessaa guyyaa qaraa, daabboo caccaffatiisaaf wolitti qabannee adoo jirruu, Phawuloos boruyyaa deemiisaaf waan yaadeef, dubbii ifii dheeressee haga halkan wodhakka'aa kolba'atti dubbate. Addee nuuti wolitti qabanne kolloo mana mana gubba'aa keessa ifi hedduun jiraayyu. Dargaggeessi Oyxikoos jedhamu tokko foddaa irraa tee'eeraayyu; Phawuloos haasowa dheeressinaan, mugee dunquuqqayee, mana mana gubba'aatiin gubba'aa irraa bu'e; yennaa isaan ol isa fuudhane, inni du'eera. Phawuloos ammoo gad bu'ee, gad itti jedhee hanqafatee, “Hin rifatina'a! Lubbuun isaa keessaa jirti” jedhe. Achiin duuba inni gara mana mana gubba'aatitti ol deebi'ee, daabboo cassee nyaate; haga latti bariitu isaan woliin dubbateen duuba deeme. Isaan Dargaggeessa jiraataa te'e san gara manaa geessanee, guddoo jajjabaatane. Phawuloos karaa lafa irraa qachaa Asosii dhaqiisaaf waan yaadateef, nuuti isaan dura qachaa Asosii dhandhee, hoboloo akka isa yaabbachinnu waan nu ajajeef, tana goone. Asositti wol dhagginee, isa fudhannee hobolo'oon qachaa Mixileene'eetitti dabarre. Boruyyaa hobolo'oon achii kaanee, oddoola Kiiyosii bira geenne. Guyyaa itti aanulle oddoola Saamosii dhandhee, boruyyaa qachaa Miilexosii geene. Phawuloos kutaa biyya Asiya'aa keessatti turuu waan hin barbaadiniif, gara Efesoonii goruu lakkisee, hobolo'oon dabaru'uuf murteeffate. Yoo dande'ante guyyaa jila shantameesso'oo ta “Phenxeqostee” jedhantu Yerusaalem geyisaaf ariifateeraayyu. Phawuloos qachaa Miilexosii irraa gara Efesoonii nama ergee, Jaarsolee wolde'a Efesoonii gara ifii waansise. Isaan gara isaa yennaa dhufane, inni isaaniin, “Ani guyyaa qara lafa Asiya'aa dhufeen jalqabee, yennaa duudii attam akka isin woliin jiraadhe isinuu hin beettan. Yihudooti mala anatti dhowanee rakkadhulle, ani waan duudi'iin ifi gad qabee, imimmaaniin Goottaa tajaajile. Waan isiniif te'u mara adoo hin hamburin, wolde'aa fi mana keessan irra deemaa, lallabee akka barsiise isin hin beettan. Cubbuu irraa gara Waaqaatitti deebi'anee, Goottaa keenna Yesuus Kiristoositti akka dhugeeffatanu, Yihudootaa fi worra Yihudoota hin te'iniif ani dhugaa bayeera. Amma kunoo achitti waan anatti dhufu adoo hin beekin, akeettii Ayyaana Woyyichaatiin Yerusaalem dhaqaara. Qachaa ani gewu duudii keessatti hidha'aa fi miidhaan akka ana eegattu, Ayyaanni Woyyichi anatti himeera. Te'uu malee ergaa tiyya yoo fixee, hujii Goottaan Yesuus anatti kenne ta Wongeela badhaadha Waaqaalle yoo lallabee muummesse, jiruu tiyya woyittu hin laakkowu. “Ani odduu teessan deddeebi'ee, marroo mootummaa Waaqaa lallabeera; amma ammoo, nami tokkolle deebi'ee akka ana hin dhaggine hin beeka. Tanaaf isin keessaa nami tokko yoo bade, akka ani itti hin gaafatanne adha isinitti hima. Sababille ani fedhii Waaqaa duudii isinitti himeera malee, waan isin irraa hambure hin qabu. Maarre ifii fi hoolee Waaqaa akka isin eeddanuuf isinitti kennantelle'eef ifi eegadha'a; wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa, ka inni dhiiga ilma ifiitiin ka ifii godhate tissa'a. Ani deemeen duuba, worri akka yayyi'ii odduu teessan akka seenanu ani hin beeka. Yennaan namooti gariin isinuma keessaa, dhugaa dassanee dhugeeffattoota ifi hordoffachiisanu hin dhutti. Tanaaf dammaqa'a! Ani woggaa sadi halkanii fi guyyaa adoo gargar hin kutin imimmaaniin, tokko tokkoo keessan akka gorse qaabadha'a. “Amma ani eeddoo Waaqaatitti, badhaadha ergaa isaa ka isin ijaariisa dande'uu fi eebba Waaqi kolbaa ifii duudi'iif kennutti, isin kenneera. Ani meetii, worqii yookiin uffana eennulle hin kajeelle. Anaa fi worra ana woliin jiruuf waan barbaachisu maraa dhaggatiisaaf harka kiyyaan akka huje isinuu hin beettan. Jecha Goottaa Yesuusii, “Ka fudhatu caalaa ka kennu ka eebbifame” jedhe qaabatiisaan, harka keennaan hujaa, hiyyeeyyii qarqaaruu akka malle ani isinitti mudhiseera. Phawuloos tana dubbatee fixeen duubba, isaan woliin jilbiiffatee daadimate. Isaan duudiin booyaa morma isaatitti maratanee sunqatane. Keessattuu inni isaaniin, haganaa achii deebitanee ana hin dhaggitanu waan jedheef guddoo gaddane; achiin duuba isaan haga hobolo'oo isa woliin deemane. Nuuti nageya isaanitti dhaannee karaa irraa adoo hin gorin hobolo'oon, gara oddoola Qosii deenne; boruyyaa oddoola Roodoosii geenne; achiin duuba gara qachaa phaaxara'aa dhandhe. Achitti hoboloo gara Finiiqe'ee deentu dhagginee, yaabbannee ittiin deenne. Nuuti Qophiroos ifiin duratti dhagginee, bitaa keennaatti lakkinnee Sooriya'atti dabarree, gara Xiiroosii addee hoboloon guddittiin ba'aa itti buufattu dhandhe. Dhugeeffattoota achi jiranu barbaannee dhagginee, torbaan tokko isaan woliin turre. Isaan Ayyaana Woyyichaan sooreffamanee, akka Phawuloos gara Yerusaalemii hin dhandhe itti himane. Yennaan nuuti isaan biraa deennu geennaan, isaan biraa kaanee deenne. Isaan duudiin haadha manaatii fi ijoollee ifii woliin haga qachaa keessaa baanutti nu geegessane. Nuuti duudiille irga abbaayaa gudditti'iititti jilbiiffannee daadimanne. Achiin duuba nageya wolitti dhaannee, hoboloo guddittii yaabbannee, isaan gara mana ifii deebi'ane. Xiiroosii kaanee, qachaa Phitolemeesii geennee, dhugeeffattoota nageya fuunee, guyyaa tokko isaan woliin oolle. Boruyyaa achii kaanee qachaa Qiisaariya'aa geennee, namoota torba ka ergantoota gargaariisaaf filamane keessaa tokko ka te'e, gara mana Filiphoosii lallabaa Wongeelaa dhandhee, isa bira bubbulle. Inni durra afur ta kennaa raaga dubbatiisaa qaddu qabaayyu. Nuuti guyyaa hedduu Qiisaariyaa bubbulleen duuba, raagichi Agaabos jedhamu tokko biyya Yihuda'aatii dhufe. Inni gara keenna dhikaatee, hiituu Phawuloos ittiin hidhatu fuudhee, miilaa fi harka ifii hidhee, “Yihudooti Yerusaalem keessa jiranu, abbaa hiituu tanaa, akkana hidhanee worra Yihudoota hin te'initti dabarsanee akka kennanu, Ayyaanni Woyyichi dubbata” jedhe. Tana yennaa dhageenne, nuutii fi kolbaan achi jirtu, akka Phawuloos gara Yerusaalemii hin dhandhe kadhanne. Inni ammoo deebisee, “Maaf boottanee, guddoo ana gaddisiittan? Ani hidhamuu qofa adoo hin ite'in, marroo maqaa Goottaa Yesuusiitiif Yerusaalem keessatti du'iisaafille qophoyeera” jedhe. Inni gorsa keenna dhage'uu dhannaan, “Fedha Gootta'aa te'u ti” jennee lakkinne. Guyyoota diqqaa achi tureen duuba, qophoonnee gara Yerusaalemii ol baane. Dhugeeffattooti Qiisaariyaa keessa jiranu gariin, nu woliin dhufanee, dhugeeffattoota qaraa keessaa tokko ka te'e, gara mana Minaasonii nama Qophiroosii akka turru nu geessane. Nuuti Yerusaalem yennaa geenne, dhugeeffattooti gammadaan nu fudhatte. Boruyyaa Phawuloos nu woliin gara Yaaqoobii ilaaliisaaf dhaqe; jaarsoleen wolde'a kiristaanaa duudiille achi jirtiiyyu. Phawuloos nageya isaan fuudheen duuba, waan Waaqi worra Yihudoota hin te'in oddu'utti karaa isaatiin godhe duudii, tokko tokkoon tarre'etti galchee itti hime. Yennaa waan kana dhage'ane, isaan martinuu Waaqa leellifatane. Achiin duuba Phawuloosiin, “Ilaa obboleessa! Yihudooti kuma heddu'utti laakkowamanu akka dhugeeffatanee fi isaan duudiin seera Waaqaatiif hinaattolee akka te'ane hin dhaggita. Yihudooti biyya worra Yihudootaa hin te'in keessa le'anu duudiin, ijoollee ifii haqanqabaa akka hin qanne yookiin aadaa akka hin muummessine barsiisiisaan Seera Muuse'ee akka diiganu godhuun keet isaanitti himameera. Isaan akka ati dhutte hin dhage'an; yoona maan godhuu woyya ree? Amma waan nuuti sitti hinnu godhi! Nu keessa namooti afur ka woreega qabanu jiran. Isaan fuudhii dhaqiitii, isaan woliin aadaa dhugeeffanna'aatiin ifi qulleessi; mataa ifiille akka haadatanu, gatii isaan ittiin ifi qulleessanu kaffaliif. Akka kanaan wonni si irratti odeeffame duudiin dhara akka teetee fi atille nama Seera Muuse'eetiif ajajamu akka teete hin beekan. Worra Yihudoota hin te'in keessaa worri dhugeeffate ammoo, sagalee waaqota dharaatiif dhikaatiisaan battootte, dhiigaa fi horii hudhamee du'e akka hin nyaanne, gaarayyeeffatiisa irralle'ee akka ifi eegattanu, ka jedhu xalayaa murtee teennaa barreessinee isaaniif ergineerra” jedhane. Maarre Phawuloos boruyyaa ganama namoota san fuudhee, isaan woliin aadaa dhugeeffanna'aatiin ifi qulqulleesse; achiin duuba guyyaan qulqulloomiisa isaanii yoom akka muummeffamuu fi tokko tokkoo isaaniitiifuu, ciincaan guyyaa kamitti akka dhikaatu beessisiisaaf gara Galma Waaqaa seene. Guyyaan torba muummowuu geennaan, Yihudooti gariin ka lafa Asiya'aatii dhufane, Phawuloos Galma Waaqaa keessatti yennaa dhaggane, gumii duudii itti kakkaasanee, isa qabanee, “Kolbaa Israa'elii, nu qarqaara'a! Nama keenna, Seera Muuse'eetii fi Galma kana irratt waan badduu dubbataa, addee mara dhaqaa nama duudii ka barsiisaaru nama kana. Ammumaayyuu worra Yihudoota hin te'in, gara Galma Waaqaa fidee, addee woyyittii tana batteesseera” jedhaa iyyane. Isaan tanaan qara Xirofimoosii nama Efesoonii isa woliin qachaa keessatti waan dhagganeef, Phawuloos gara Galma Waaqaa waan isa fidee seeneen seyanee, tana jedhane. Qachaan sun guutumatti raafame; kolbaalle rukkisaa dhuttee, Phawuloos qaddee Galma Waaqaa keessaa harkittee baatte; balbalti Galma Waaqaalle yoosuma cufante. Namooti isa ijjeesiisaaf adoo wodhaananuu, “Qachaan Yerusaalemii guutumatti raafameera” oduun jettu, ajajaa woraana Rooma'aa dhaqqadde. Tanaaf inni loltootaa fi qondaaltotaa fudhatee, rukkisaa gara kolba'aa dhaqe; kolbaalle yennaa isaa fi loltoota isaa dhaggite, Phawuloos dikuu lakkitte. Ajajaan kumaa Phawuloositti dhikaatee, isa qabee wodaroo sibilaa lamaan akka hidhamu ajaje. Achiin duuba inni, “Namichi kun eennu? Inni maan balleesse?” jedhee gaafate. Gumii san keessaa worri gariin waan tokko, kuun waan dhibii jedhane. Ajajaan kumaa hogaa kolba'aatiifuu, waan sirrii te'e beekiisa waan hin dandeenneef, akka loltooti gara addee quttuma loltootaa isa geessituuf ajaje. Phawuloos yaabannoo bira yennaa geye, kolbaan marti isatti aartee, balaa itti buusiisa waan barbaaddeef, loltooti isa ba'attee deente. Kolbaan isaan gula deentu duudiin, “Ijjeefamuu ti!” jedhaa iyyite. Loltooti gara addee quttii loltoota ifiititti, Phawuloos seensisiisaaf yennaa dhikaatane, inni ajajaa woraana Rooma'aatiin, “Wo dubbadhuu?” jedhe. Ajajaalle, “Afaan Giriikii beettaa? Ati Gibxicha tanaan qara nageya booressee, namoota kuma afur ka lubbuu namaa ijjeessane fuudhee, gara goomole'ee geessee motii?” jedheen. Phawuloos deebisee, “Ani Yihudicha, qachaa Xarseesii beekkantuu biyya Qiliiqiya'aa keessatitti dhaladhe; magane'ee kolba'atti dubbadhuu?” jedheen. Yennaa ajajaan woraana Rooma'aa eeyyameef, Phawuloos yaabannoo irra dhaabbatee, akka kolbaan cadhittu harkaan beessise; yennaa kolbaan cadhitte, afaan worra Yihudootaatiin isaanitti dubbatuu jalqabe. “Obboleeyyanii fi abbootii tiyya! Amma falmata ani isinitti dhikeeffadhu kana anaaf dhage'a'a!” jedhe. Inni afaan Yihudootaatiin dubbatuun yennaa dhage'ane, irra caalaa cadhisane; achiin duuba Phawuloos: “Ani Yihudi'i; qachaa Xarseesii biyya Qiliiqiyaa keessaatitti dhaladhee, qachaa Yerusaalemiititti guddadhe. Ka ana barsiiselle Gamaali'el; ani Seera abbootii teennaa akka maltetti ka baradhee fi akkuma isin adhaa gootanu, anille Waaqaaf hinaafeeraayyu. Ani namoota dhugeeffannaa kiristaanaa hordofanu haga du'aatitti miidhaa irra geessiseera; dhiiraa fi dubartii qabee, mana hidha'aatitti galcheera. Tun dhugaa akka teete hayyicha gudda'aa fi korri mura'aa duudiin dhugaa anaaf hin bayan. Ani xalayaa eeyyamaa ka gara bulchitoota Yihudoota Damaasqoo jiranutti barreeffame isaanuma irraa fudhadhee, jara achi jirtu qabee adabiisaaf, Damaasqoo dhaqe. “Karaa gubbaa adoo jiruu Damaasqo'otti yennaa dhikaadhe, gara sa'aatii jaatitti dedhuma ifi guddaan gubbaa irraa adaala kiyyatti balaqqise. Ani lafatti jigee qoonqoo, ‘Saa'ol, Saa'ol! maaf ana miita?’ jettu dhage'e. Anille, ‘Eennu ati Gootta'a?’ jedhee gaafadhe. Inni deebisee, ‘Ani Yesuusii Naaziretii, ka ati miitu’ jedhe. Namooti ana woliin jiranu ifa dhaggane; ammoo qoonqoo anatti dubbattu san hin dhageenne. Ani, ‘Maan godhu Gootta'a?’ jedhee gaafadhe. Goottaalle, ‘Ka'iitii, gara Damasqo'oo deem; akka ati gootuuf waan Waaqi murteesse mara, achitti sitti himama’ anaan jedhe. Balaqqeettii ifaa irraa ka ka'e, ilti tiyya dhaggaa waan dadhaddeef, worri ana woliin jiru harka na qabee, gara qachaa Damasqo'oo na geesse. Qachaa san keessa namichi Anaaniiyaas jedhamu tokko, ka Seera Muuse'ee eegatuu fi Yihudoota Damaasqoo jiranu duudii biralle'etti, ka ulfeeffame tokko jiraayyu. Inni gara kiyya dhufee, ana bira dhaabbatee, ‘Obboleessa kiyya Saa'ol, ilti teeti deebitee sii dhaggitu!’ jedhe. Yoosuma ilti tiyya banantee, isa dhagge. Achiin duuba inni, ‘Waaqi abbootii teennaa, akka ati fedha isaa beettu, tajaajilaa isaa balchaa akka dhaggituu fi afaanuma isaatiin dubbatuun akka dhageettu, si filateera. Ati waan dhageettee fi dhaggite, nama duudi'iif dhugaa akka baatuuf, inni tana godhe. Amma maan eedda ree? Ol ka'iitii, maqaa isaa waamaa cuuphamiitii, cubbuu teeti dhiqadhu’ anaan jedhe. “Ani gara Yerusaalemii deebi'ee, Galma Waaqaa keessatti adoo daadimatiisatti jiruu, mudhii dhagge. Mudhii san keessatti Goottaa dhagge. Inni anaan, ‘Kolbaan asii dhugaa ati anaaf baatu waan hin fudhanneef, dafiitii ariifadhuu Yerusaalem keessaa bayi’ jedhe. Ani deebisee, ‘Gootta'a, akka ani Mana Waaqeffannaa Yihudootaa duudii dhaqee, worra si'itti dhugeeffate qabee tume, isaanuu hin beekan. Yennaa Isxifanoosiin dhugaa bayaan keeti ijjeeffame, aninuu achi dhaabbadhee, ijjeefamuu isaatitti wolii galee, woyaa worra isa ijjeesuu eegisatti jiraayyu’ jedhe. Goottaan anaan, ‘Ani fagoo gara worra Yihudoota hin te'iinii waan si ergeef beenu’ anaan jedhe” jedhee isanitti hime. Gumiin haga Phawuloos tana dubbatu isa dhageette; duuba irra ammoo, qoonqoo ol qabattee, “Nami akkasii lafa irraa baduu ti! Inni jiraatuu hin qabu!” jedhaa iyyite. Isaan iyyaa, woyaa ifii gatanee, aarii guddoo mudhisiisaaf bukuu gara ol-gubba'aa facaasane. Ajajaan woraana Rooma'aa, Phawuloos qabanee addee quttii loltoota woraanaa akka geessanuu fi kolbaan maaf akka itti iyyitu, dikamaa akka qoratamuu ajaje. Yennaa isaan isa dikiisaaf teephaan hidhane ammoo, Phawuloos ajajaa dhibbaa ka achi dhaabbateen, “Nama Rooma'aa tokko, muraa malee dikiisi keessan seeraa?” jedhe. Ajajaan dhibbaa yennaa waan kana dhage'e, gara ajajaa woraana Rooma'aa deemee, “Maan godhiisatti jirta? Namichi kun nama Rooma'aa ti!” jedheen. Maarre ajajaan woraana Rooma'aa, gara Phawuloosii dhaqee, “Anatti himi, ati nama Rooma'aatii?” jedheen. Phawuloos deebisee, “Ee” jedheen. Ajajaan woraana Rooma'aa deebisee, “Ani nama Rooma'aa te'iisaaf, beesee hedduu kaffaleera” jedhe. Phawuloosille, “Ani nama Rooma'aa te'ee dhaladhe” jedhe. Tanaaf worri Phawuloos qorqoriisaaf qophaye sun, isa irraa deebi'e; ajajaan woraana Rooma'aalle, Phawuloos nama Rooma'aa akka te'ee fi wodaroo sibiilaatiin akka hiisiseeru yennaa hubate sodaate. Boruyya'aa, ajajaan woraana Rooma'aa, worri Yihudootaa maaf Phawuloos akka himate, sababa dhuga'aa beekisaaf barbaade; tanaaf moototi hayyootaatii fi miseensoti kora mura'aa duudiin akka wolitti qabamanu ajaje. Achiin duuba inni Phawuloos hiikee, isaan dura dhaabbachiise. Phawuloos kora mura'aa hubatee ilaalee isaaniin, “Obboleeyyan tiyya! Ani haga guyyaa adhaatitti, wodanaa qullu'uun fuula Waaqaa duratti jiraadheera” jedhe. Anaaniyaan Hayyichi Guddaan, worri Phawuloos bira dhaabbateeru, akka afaan keessa isa dhowu ajaje. Yennaa san Phawuloos Anaaniya'aan, “Ati dhaaba manaa manaa ka nooraa dibame fakkaatta! Waaqi si'i hin dhowa! Akka seeraatitti anatti muriisaaf achi teetteerta, ifiif ammoo seera malee, akka ana dhowanuuf ajajjaa?” jedheen. Worri Phawuloos bira dhaabbateeru, “Ati Hayyicha Guddaa Waaqaa arrassitaa?” jedhaneen. Phawuloos deebisee, “Obboleeyyan tiyya, akka inni Hayyicha Guddaa te'e ani hin beenne. Barreeffam Woyyichi, ‘Bulchaa kolbaa teetii irratti hantuu hin dubbatin jedha” jedhe. Phawuloos worra san keessaa gariin Saduqoota, ka dhibiin Fariisaayota akka te'ane yennaa beeke, kora mura'aa keessatti qoonqoo ol qabatee, “Obboleeyyan tiyya, ani Fariisaayii ilma Fariisaayichaa ti. Worri du'ane hin ka'an jedhee waan addadheef, ani amma muraa duratti dhikaadheera” jedhee dubbate. Akkuma inni waan kana jedheen, Fariisaayotaa fi Saaduqoota oddu'utti lolli ka'ee, korri mura'aa addee lamatti qoodame. Saaduqooti, “Du'aa ka'iisi hin jiru, ergantooti Waaqaa yookiin ayyaanoti hin jiranu jedhan; Fariisaayoti ammoo, kun duudiin hin jiran jedhanee dhugeeffatan. Achiin duuba hogaan guddaan ka'e; barsiisoti Seeraa ka golii Fariisaayotaa te'ane gariin ka'anee, “Nuuti yakkaa womaa nama kana irratti hin dhaggine! Takki ayyaanatti yookiin ergamaa Waaqaatitti itti dubbateera!” jedhaa moromane. Ajajaan woraana Rooma'aa moromaan waan o'iteef, jarri tun Phawuloos hin caccasan jedhee soodaate. Tanaaf loltooti dhaqanee, Phawuloos odduu isaaniitii baasanee, addee quttii loltootaa akka geessanu ajaje. Halkanuma san Waaqi Phawuloos bira dhaabbatee, “Hin sodaatin! Ati Yerusaalemitti akkuma dhugaa anaaf baate, akkasuma qachaa Rooma'aalle'etti dhugaa anaaf bawuu qadda” jedhe. Yennaa latti bariite Yihudooti gariin wolitti qabamanee, “Haga Phawuloos ijjeenutti hin nyaannu, hin unnu” jedhanee kakatane. Worri kakuu tana kakatane namoota afurtama caalan. Achiin duuba isaan gara mootota hayyootaatii fi jaarsole'ee dhaqanee, “Nuuti haga Phawuloos ijjeennutti, hin nyaannu, hin unnu jennee jabeessinee kakanneerra. Tanaaf akka waan kora mura'aa woliin wolii galtanee, marroo Phawuloosii caalchittanee qorqortanuu fakkeessa'aatii, akka Phawuloos gadi isinii fidanu, ajajaa woraana Rooma'aa gaafadha'a. Nuuti ammoo adoo inni as hin geyin, isa ijjeesiisaaf qophonneerra” jedhaneen. Ilmi obboleettii Phawuloosii ammoo, mala kana waan dhage'eef, gara addee quttii loltootaa dhaqee, Phawuloositti hime. Achiin duuba Phawuloos ajajoota dhibbaa keessaa tokko waamee, “Dargaggeessi kun ajajaa woraana Rooma'aatitti waan himu waan qabuuf, gara isaa geessi” jedheen. Ajajaan dhibbaa isa fuudhee, gara ajajaa woraana Rooma'aa geessee, “Phawuloosiin hidhameeru na waamee, dargaggeessi kun waan sitti himu waan qabuuf, gara keeti akka fiduuf na kadhate” jedhe. Ajajaan woraana Rooma'aa, dargaggeessa harka qabee, qofitti baasee, “Wonni ati anatti himiisaaf barbaaddu maan?” jedhee isa gaafate. Dargaggeessille, “Yihudooti akka waan marroo Phawuloosii caalchisanee qorqoranuu fakkaatanee, akka ati boru gara kora mura'aa isa isaaniif dhikeessitu, si gaafatiisaaf wolii galaneeran. Ati ammoo waan isaan jedhanu hin dhage'in. Namooti afurtama caalanu, haga isa ijjeennutti hin nyaannu, hin unnu jedhanee kakatanee, riphanee isa eegiisatti jiran. Isaan amma murtee teeti qofa eegataaran” jedhe. Ajajaan woraana Rooma'aa, “Waan anatti hinte kana nama tokkolle'etti hin himin” jedhee itti seeree, dargaggeessa gad lakkise. Achiin duuba ajajaan woraana Rooma'aa, ajajjoota dhibbaa ta ifii keessaa lama waamee, “Halkan keessa sa'aatii saditti loltoota dhibba lama, abbootii fardo'oo nama torbaatamaa fi worra ebo'oo nama dhibba lama woliin gara Qisaariya'aa dhaqiisaaf akka qophowanu godha'a. Phawuloos adoo hin edderamin irra tee'ee gara bulchaa Feeliksii akka dhaqu, geejjiba qopheessa'aaf” jedhe. Achiin duuba xalayaa, “Ana Kilaawudiiyosii Liisiiyaasii irraa, bulchaa kabajamaa Feeliksiif! Nageenni si'iif te'u. Yihudooti namicha kana qabanee, silaa ijjeesaaraniiyyu. Ani ammoo akka inni nama Rooma'aa te'e beekee, loltoota tiyya woliin dhaqee isa hambure. Isaan maaf akka isa himataaranu beekisaaf barbaadee, gara kora mura'aa ka isaanii isa geesse. Himatam isaa marroo seera isaaniituma malee, yakkaa du'aan yookiin hidha'aan isa geettu, akka inni hin qanne qorqoree hubadheera. Yihudooti namicha kana ijjeesiisaaf mala akka dhowane, yennaa anatti himame, yoosuma gara keeti erge. Worri isa himatulle, himata isa irraa qabu akka si duratti dhikeeffatu itti himeera” jedhu barreesseef. Loltooti akkuma ajajamanetti, halkanuma gaafasii Phawuloos fuudhanee Antiiphaaxriisitti geessane. Boruyyaa loltooti worri miilaa gara addee quttii loltootaa deebi'e; worri fardo'oo Phawuloos woliin deeme. Worri fardo'oo Qisaariiyaa yennaa geyane, xalayaa bulchaa biyyaatitti dhikeessanee, Phawuloosille isatti dabarsanee kennane. Bulchaan biyyaa sun xalayaa dubbisee, Phawuloos nama biyya kamii akka te'e gaafate. Inni nama biyya Qiliiqiya'aa akka te'e yennaa beeke, “Worri si himate yennaa as geye ani dubbii teeti hin ilaala” jedhe. Achiin duuba akka Phawuloos mana mootummaa Heroodisii keessatti eegamu ajaje. Guyyaa shaniin duuba Anaaniyaasiin Hayyichi Guddaan, jaarsolee gari'ii fi beekaa seeraa ka Xerxilos jedhamu tokko woliin, gara Qisaariya'aa gad bu'e. Isaan Feeliksii bulchaa biyyaa dura dhikaatanee, himannaa Phawuloos irratti qabanu dhikeeffatane. Phawuloos waammamee yennaa dhufe, Xerxilos himata ifii jalqabee, “Kabajamaa Feeliksi! Nuuti karaa keetiin nageya guddaa dhagganneerra; bulchiinsa dansaa keetille'een, jijjiiram kolbaa teennaaf dhaggameera. Nuuti waan kana yennaa mara, addee maratti galata gudda'aan fudhanna. Ani tana caalaa si dadhasiisuu hin barbaadu; teetuu malee himata gabaabaa nuuti qannu, gadh-laafinnaan akka nuuf dhageettu si kadhadha. Namichi kun dhukkuba hamaa nutti te'eera; inni Yihudoota biyya lafaa duudii oddu'utti nageya booressaa, golii worra Naaziretiitiif sooressaa te'eera. Inni Galma Waaqaatuu xureessiisaaf wodhanuun qanneerra; [akka seera keennaatitti isatti muriisaaf yaadanneerra. Liisiiyaasiin ajajaan woraana Rooma'aa dhufee, hunnaan harka keennaa isa fuudhee, achiin duuba worri isa himatu gara keeti akka dhufanu ajaje.] Ati namicha kana yoo qorte, atinuu wonni nuuti himannu duudiin dhugaa akka teete hin mirkaneeffatta” jedhe. Yihudooti, “Wonni kun duudiin dhuga'a” jedhanee himata dhikaate irratti wolii galane. Bulchaan biyyaa akka Phawuloos dubbatu harkaan beessise. Phawuloosille, “Akka ati woggaa heddu'uuf bulchaa kolbaa tanaa teete waan beekuuf, himata ana irratti dhikaateef, si duratti falmatuu kiyya gammadeera. Ani waaqonfatiisaaf gara Yerusaalemii haga ol bayee, guyyaa kudhanii lama akka hin caalin, atinuu mirkaneeffatuu dandeetta. Galma Waaqaa keessatti, Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessalle'etti yookiin qachaa keessatti eennuuyyuu woliin moromuun yookiin kolbaa raasuun ana dhagganee hin beekanu. Waan amma ittiin ana himatanu kanaaf, tokkolle dhugaa sitti dhikeeffatuu hin dande'anu. Ammoo waan tokko sitti himadha; ani karaa isaan, ‘Dhara’ jedhanu san hordofiisaan, Waaqa abbootii teennaa waaqonfadha. Te'uu malee waan Seera Muuse'eetii fi kitaaba raagotaa keessatti barreeffame duudii hin dhugeeffadha. Worri balcha'aa fi balchaa hin te'inille du'aa akka ka'anu, akkuma isaan addatanu, anille Waaqatti addii qaba. Ani Waaqaa fi nama duratti wodanaa dansaa akka qabaadhu yennaa maraa mixiixxadha. “Ani Yerusaalem keessaa bayee, woggaa heddu'uun duuba, beesee qarqaarsa kolbaa tiyyaaf geessiisaa fi woreega Waaqaaf kenniisaaf gara Yerusaalemii dhaqe. Jila aadaa dhugeeffanna'aatiin qulquloomiisaa muummessee, woreega kiyya dhikeessiisatti jiruun ana Galma Waaqaa keessatti dhaggane. Nami hedduun ana woliin achi hin jiru; hogaalle hin kaane. Yihudooti gariin ka Asiya'aa dhufane ammoo, achi jiraniiyyu; isaan waan si irratti na himatanu adoo qabaatanee, amma si dura dhikaatanee na himatanuu ti; yookiin yennaa ani kora mura'aa dura dhaabbadhe, waan ani yakke worri as jiru himuu ti. Ani odduu isaanii dhaabbadhee, qoonqoo tiyya ol qabadhee, ‘Ka du'ane hin ka'an’ waan jedheef, adha mura'aaf isin duratti dhikaadhe malee, wonni dhibiin ani huje hin jirtu” jedhe. Feeliksi ammoo karaa Gootta'aa akka dansaa waan beekeeruuf, “Ajajaaan woraana Rooma'aa Liisiyaas yenna dhufe, dubbii teessan isiniif hin mura” jedhee isaan ifi irraa geegesse. Achiin duuba inni, ajajaa dhibbaa ka Phawuloos eeguun, “Itti furiitii Phawuloos eegi; worri isaalle waan isaaf barbaachisu fidee yennaa dhufu, irraa hin dhooggin” jedhe. Guyyaa diqqa'aan duuba, Feeliksi haadha manaa ifii Yihudittii Dirusilaa woliin dhufe. Inni Phawuloos waanisisee, marroo Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaa dubbatuun caqase. Phawuloos marroo balchumma'aa, marroo ifi towatiisaatii fi marroo muraa dhufu'uu jirtuu yennaa dubbate, Feeliksi sodaatee, “Ammaaf hin geetti; yoo anatti tolte aninuu si waama” jedhe. Feeliksi Phawuloos irraa gubboo fudhatiisa waan barbaadeef, yennaa hedduu isa waansisaa haasesse. Woggaan lamaan duuba, Phorkii'os Fesxoos addee Feeliksii bulchaa te'e. Feeliksi Yihudoota gammachiisuu barbaadee, Phawuloos akkuma hidhametti lakkise. Fesxoos bulchaa te'ee guyyaa sadiin duuba, Qiisaariya'aa ka'ee gara Yerusaalemii dhaqe. Achitti moototi hayyootaatii fi sooreyyiin Yihudootaa, Phawuloos himatane. Isaan kara'atti riphanee Phawuloos akka ijjeesanu waan malataneef, isa Yerusaalemitti nuuf ergi jedhanee, Fesxoos kadhatane. Fesxoos deebisee, “Phawuloos Qiisaariya'atti hidhamee eegamiisatti jira; anille dafee achi deebi'aara. Sooressitooti teessan ana woliin gara Qiisaariya'aa dhaqanee, wonni Phawuloos yakkeeru yoo jiraatte, achitti isa himatanuu ti” jedhe. Fesxoos guyyaa saddeeti yookiin guyyaa kudhan isaan bira bubbuleen duuba, gara Qiisaariya'aa deeme; boruyyaa barcumaa mura'aa irra tee'ee, akka Phawuloos dhikeessanu ajaje. Phawuloos yennaa dhikaate, Yihudooti Yerusaalemii dhufane isa marsanee, himata jajjabaa ka dhugaa hin qanne itti dhikeessane. Phawuloos ammoo, “Ani Seera Yihudootaa irratt yookiin Galma Waaqaa irratti yookiin Mootii Mootota Rooma'aa irratti yakkaa tokkolle hujee hin jiru” jedhee falmate. Fesxoos Yihudoota gammachiisiisaaf barbaadee, Phawuloosiin, “Gara Yerusaalemii dhaxxee, dubbii tanaaf akka ani muraa siif kennu hin feetaa?” jedhee gaafate. Phawuloos deebisee, “Ammumaayyu ani addee muraa itti fudhadhu, barcumaa mura'aa ka Mootii Mootota Rooma'aa dura dhaabbadheera. Akkuma ati midhaassitee beettu, ani Yihudoota irratti yakkaa tokkolle hin hunye. Ani yakkee waan du'a anatti mursiittu yoo godhee jiraadhe, du'a jalaa bayiisaaf hin gaafadhu. Ammoo himati isaanii yoo dhugaa hin te'in, eennulle isaanitti dabarsee na kennuu hin dande'u. Ani amma Mootii Mootota Rooma'aatitti iyyadha” jedhe. Fesxoos worra isa gorsu woliin mari'atee, “Maarre mootichatti iyyadha eega jette, gara mootichaa hin dhaxxa” jedhee itti hime. Guyyoota diqqa'aan duuba mootichi Agriipha'aa fi Berniiqeen, Fesxoos dubbisiisaaf gara Qiisaariya'aa dhufane. Isaan guyyaa hedduu achi turaneen duuba, Fesxoos waan dubbii Phawuloosii mooticha Agriipha'atti issee himee, “Nami Feeliksi hidhee lakkisee deeme tokko as jira; ani yennaa gara Yerusaalemii dhaqe, moototi hayyootaatii fi jaarsoleen Yihudootaa isa himatanee, akka ani yakkaa isatti muru ana gaafatane. Ani ammoo, ‘Nami himatame tokko worra isa himatu dura dhaabbatee, deebii falmataa adoo hin kennin dabarsanee kenniis, aadaa worra Rooma'aatii moti’ jedhee isaanitti hime. Worri isa himate wolitti qabamee yennaa as dhufe, ani adoo hin turin, boruyyaa barcumaa kora mura'aa irra tee'ee, akka Phawuloos ana duratti dhikeessanu ajaje. Worri isa himatu isa himatiisaaf yennaa bira dhaabbatane, inni waan hantuu hujeera jedhee akka ani yaadetti, isaan waan himataan isa gewu tokkolle hin dhikeessine. Moromaan isaan isa woliin qabanu marroo dhugeeffannaa ifiitii fi marroo Yesuusii du'eeru, ka Phawuloos ammoo, ‘Jiraata'a’ jedhuu ti. Ani dubbii tana akka itti qorqoru wollaalee, Phawuloosiin, ‘Gara Yerusaalemii dhaxxee, achitti dubbii tanaaf muraa dhaggatuu feetaa’ jedhee isa gaafadhe. Phawuloos ammoo, dubbii tana Mootii Mootota Roma'aatitti iyyadha waan jedheef, ani haga achii isa ergutti, mana hidha'aa keessa akka inni turu ajaje” jedhe. Agriiphaan Feesxoosiin, “Aninuu dubbii namicha kanaa dhage'uu barbaada” jedheen. Feexoos, “Boru isa dhageetta” jedhe. Boruyyaa Agriiphaa fi Berniiqeen, uffana mootummaa ifii uffatanee, ulfinna gudda'aan dhufanee, sooressitoota loltootaatii fi jaarsolee qacha'aa woliin, mana muraa itti kennanu ol seenane. Ajaja Feesxoosiitiin, Phawuloos ol seensisane. Feesxoos, “Mootii Agriipha'a! Isinille worra nu woliin as jirtanu duudiin keessan! Namichi isin dhaggitanu kun, jiraatu'uuf hin malle jedhanee, kolbaan Yihudootaa duudiin Yerusaalemii fi asille'etti anatti iyyataneeran. Ani ammoo yakkaa du'aan isa geessittu tokkolle hin dhaggine. Ammoo waan inni Mooti Moototaa, ka Rooma'aatitti iyyadha jedheef, achi isa ergiisaaf murteeffadheera. Te'uu malee goottaa kiyyaaf barreessiisaaf, waan namicha kanaa waan mirkanaye hin qabu. Tanaaf isin duudii duraa fi keessattu si'i mooticha Agriiphaa duratti, isa qorqoreen duuba marroo isaa waan barreessu akka qabaadhu, isa asi fideera. Namaa hidhame tokko, waan inni itti himatame adoo hin qulleessin, Mootii Mootota Rooma'aatitti ergiisii, sirrii anatti hin fakkaattu” jedhe. Agriiphaan Phawuloosiin, “Ifii keetiif falmatuu hin dandeetta” jennaan, Phawuloos harka ifii diriirsee falmatee, “Mooticha Agriipha'a! Waan Yihudooti ana himatane duudii akka falmadhu adha si duratti dhikaatuu kiyyaan guddoo gammada. Keessumattuu aada'aa fi moromaa Yihudootaa duudii midhaassitee beetta. Tanaaf ossataan akka anaaf dhageettu si kadhadha. “Ijoollummaa tiyyaan jalqabee, biyya tiyya keessaa fi Yerusaalemille'etti attam akka le'e Yihudooti duudiin hin beekan. Isaan yoo anaaf dhugaa bayuu fedhane, worra golii Fariisaayotaa ka dhugeeffannaa teenna jabeeffatanu keessaa, ani tokko akka te'e duruuyyuu beekan. Amma ammoo, waadaa Waaqi abbootii teennaaf gale, waan addadheef ani asitti himatamiisatti jira. Waadaan sun, ta gosi teenna kudhanii fi lama akka dhaggattuuf addattee, halkanii fi guyyaa Waaqaaf tajaajilte. Mooticha Agriipha'a! Sababa addii tanaatiif, Yihudooti amma ana himatiisatti jiran. Waaqi worra du'e akka kaasuu, maaf mantan? “Aninuu karaa dande'e maraan, maqaa Yesuusii Naaziretii kanaan mormuu qaba jedhee, yaadadheeraayyu. Ani waanuma kana Yerusaalem keessatti godhe. Ajaja mootota hayyootaa irraa fudhadheen, kolbaa Waaqaa hedduu mana hidha'aatitti galcheera; yennaa isaan ijjeesanulle, worra ijjeesu woliin wolii galeera. Yennaa hedduu Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti isaan adabee, akka isaan dhugeeffannaa ifii mormatanu godhiisaaf wodhaaneera. Isaan irralle'etti aaree, qachaa ormaa keessalle'etti isaan miidheera. “Adoo tana irra jiruu baalli'ii fi ajaja mootota hayyootaa irraa fudhadhee, gara Damaasqo'oo dhaqe. Mooticha! Orraa gara sa'aatii jaatitti ani karaa gubbaa adoo jiruu, ifi aduu caalaa balaqqisu gubba'aan gadi dhufuun dhagge; ifi sunille adaala kiyyaa fi namoota na woliin deemiisatti jiranuutitti ife. Nuuti duudiin lafatti jinneerruun, afaan worra Yihudootaatiin qoonqoo, “Saa'ol! Saa'ol! Ati maaf ana miita? Sibiila mutaa yoo dhiitte ifuu miita’ jettu dhage'e. Anille, ‘Gootta'a, ati eennu?’ jedhee gaaffadhe. Goottaan deebisee, ‘Ani Yesuusii ati miidhiisatti jirtu. Ammoo ka'iitii miila keetiin dhaabbadhu. Akka ati tajaajilaa kiyya teetu si filatiisaaf, waan kiyya ka adha dhaggitee fi ka ani sitti mudhisu'uu jiru, akka dhugaa baatu ani sitti mudhadhe. Worra ani itti si ergaaru kolbaa Israa'eliitii fi worra Yihudoota hin te'in irraa si fayyisa. Ati ila isaanii bantee, dukkana irraa gara ifaa, hunna Seexanaa jalaa gara Waaqaa isaan hin deebitta; isaanille anatti dhugeeffatiisaan, cubbuu ifiitiif araara dhaggatanee, kolbaa Waaqaaf woyyoonte oddu'utti dhaala fudhatan. “Maarre mooticha Agriipha'a, ani mudhii ol-gubba'aatiif ajajamuu hin didanne. Jalqaba worra Damaasqoo keessa jiruuf, itti aansee worra Yerusaalemii fi Yihudaa keessa jiru duudi'iif, achiin duuba worri Yihudoota hin te'inille cubbuu irraa deebi'anee, gara Waaqaa akka deebi'anu, cubbuu irraa deebi'uu isaaniille waan mudhisu akka hujanu, isanitti lallabeera. Yihudooti tanaaf Galma Waaqaa keessatti ana qabanee, ijjeesiisaaf wodhaanane. Haga guyyaa adhaatitti Waaqi ana qarqaaree, anille as dhaabbadhee, diqqa'aa fi guddaa duudi'iif dhugaa bayiisatti jira. Ani waanuma raagotii fi Muuseen hin te'a jedhane malee, waan tokkolle hin dubbanne. Isaan, ‘Masiihiin rakkatuu qaba; du'aa ka'iisaan ka jalqabaa te'ee, ifa fayyinnaa kolbaa Israa'eliitii fi worra Yihudoota hin te'iniif hin mudhisa’ jedhane, jedhee dhugaa isaaniif baye” jedhe. Phawuloos akkana falmatiisatti jiruun, Fesxoos qoonqoo ol qabatee, “Phawuloos! Guddoo baratiis keeti si maraachaara!” jedhe. Phawuloos deebisee, “Kabajamaa Fesxoos! Ani maraata'aa moti! Dubbii dhuga'aa qalbi'iin dubbatiisatti jira. Mooticha Agriipha'a! Ati waan kana duudii marroo beettuuf, sodaa malee sitti dubbatiisa dande'a. Wonni kun cina'atti dhokattee waan hin te'iniif, waan duudii akka mootichi hubatu hin addadha. Mooticha Agriipha'a! Ati raagotatti hin dhugeeffattaa motii? Akka ati dhugeeffattu aninuu hin beeka” jedhe. Agriiphaan deebisee, Phawuloosiin, “Yennaa gabaadduu tana keessatti kiristaana waan na gootu seetaa?” jedheen. Phawuloos deebisee, “Yennaan gabaabbattulle yookiin dheerattulle, si qofa adoo hin te'in worri adha na dhage'iisatti jiranu duudiin, hidhamiisa kiyya malee, akka kiyya akka ite'anu Waaqa daadimadha” jedhe. Achiin duuba Mootichi, bulchaan biyyaa, Berniiqeen, worri isaan woliin te'aneeranu duudille ol ka'anee, yennaa achii deemanu, “Namichi kun du'a yookiin hidhaa waan isatti mursiisu tokkolle hujee hin jiru” woliin jedhane. Agriiphaan, Fesxoosiin, “Nami kun ‘Mootii Mootota Rooma'aatitti iyyadha’ adoo jedhuu dhabee jiraate, sila akkanumaan lakkiffamaayyu” jedhe. Akka nuuti hobolo'oon gara Ixaaliya'aa dhandhu yennaa murteessane, Phawuloosii fi warra hidhamane ka dhibii, kutaa woraana worra Rooma'aa “Awugusxoos” ka jedhamu keessa ka jiru, ajajaa dhibbaa Yulii'ositti dabarsanee kennane. Hoboloo qachaa Adraamiixosiitii kaatee, gara buufata hobolo'oo, ka irga lafa Asiya'aa dhaqiisaaf qophootte, yaabbannee deenne. Arisxaarkosiin, nami biyya Maqedooniya'aa ka Tasaloonqe'ee dhufe nu woliin jiraayyu. Boruyyaa qachaa Sidoonii geenne; Yulii'os Phawuloosiif gadhaa laafee, akka inni gara firoota ifii dhaqee, waan barbaachisu dhaggatu isaaf eeyyame. Sidoonii kaanee, qilleensi ful-duraan gara keenna waan dhoweef oddoola Qophiroosiititt gollannee hobolo'oon deenne. Achiin duuba abbaayaa guddittii Qiliiqiya'aatii fi Phamfiliya'aa buuneen duuba, qachaa Miira'aa ka biyya Liiqiya'aa keessa jiru geenne. Achitti ajajaan dhibbaa, hoboloo biyya Iskindiriya'aatii dhuttee, gara biyya Ixaaliya'aa dhaxxu dhaggee, nu yaabbachiise. Guyyaa hedduu laana hobolo'oon deennee, rakkoo guddo'oon qachaa Kiniidoosii bira geenne; bubbeelle gara duraa deemiisa yennaa nu dhooggite, oddoola Qareexisitti gollannee, cinaa Salmooniitiin dabarre. Nuuti rakkoo guddo'oon cinaa abbaayaa gudditti'ii irra dabarree, gara addee “Buufata hobolo'oo miidhagaa” jedhamu, ka qachaa Lase'aatitti dhikaatu bira geenne. Yaasuma keenna irratti guyyaan hedduun dabaree, yennaan laamaalle waan dabarteef, hobolo'oon deemuun rakkisaa waan te'eef, Phawuloos isaanitti gorsee, “Jarana! Haganaa achi hoboloo gudditti'iin deemiisi keenna kun akka balaa qabu dhagga; fe'iisaa fi hoboloon guddittiin baddee, lubbuun namaalle hin dhumatti” jedhe. Ajajaan dhibbaa ammoo, gorsa Phawuloosii caalaa, waan abbaan hobolo'ootii fi ka hoboloo oofu jedhane dhugeeffate. Addeen bufata hobolo'oo sun, yennaa gannaa achi turiisaaf ta hin tolle waan teeteef, isaan keessa garri caalaan, achii ka'anee, yoo isaanii dande'ame Finiiqe'etti galanee, ganna achitti bayiisaaf murteeffatane. Finiiqeen addee buufata hobolo'oo, oddoola Qareexisii irraa gara kaaba dhi'aatii fi kibba dhi'aa jirti. Qilleensi laafaan karaa kibbaatiin bubbisuu yennaa jalqabe, akkuma isaan hedane waan teeteef seyanee, hoboloo guddittii hiikanee irga Qareexisiitiin abbaayaa guddittii irra deemane. Ammoo adoo hin turin bubbeen jadduun, “Bubbee kaaba bahaa” jedhantu, oddoola Qareexisii irraa gara abbaayaa gudditti'ii gad bubbitte. Bubbeen hoboloo guddittii dhoottee, gara duraa deemiisa waan dadhanneef, itti lakkinnee bubbe'een oofanne. Oddoola diqqayyicha Kaawudaa jedhamu tokko gollaa godhannee yennaa deenne, rakkoo guddo'oon hoboloo, hoboloo guddittii teennatti hidhantee harkifantu san, qilleensa irraa buufatiisa dandeenne. Hoboloo ol harkisanee baasaneen duuba, hoboloon guddittiin akka hin diiganneef wodaro'oon xaxanee hidhane. Hoboloon guddittiin lafa maansa Sirtis jedhantutti nu duraa dhowanti jedhanee waan sodataneef, waan laana isii ideensisu gad hiissanee, bubbe'een oofamaa deemane. Bubbeen nutti jaabaataa waan deenteef, boruyyaa fe'iisa hoboloo guddittii keessa jiru, gara abbaayaa gudditti'ii darbuu jalqabane. Guyyaa sadeesso'oo, harkuma ifiitiin meya hoboloo gudditti'ii abbaayaa gudditti'itti gatane. Nuuti guyyaa hedduu aduu yookiin urjii hin dhaggine; bubbelle ittuma jabaattee waan nutti bubbitteef, hin fayyinu jennee addii kutane. Namooti adoo sagalee hin nyaatin guyyaa hedduu turaneen duuba, Phawuloos odduu isaanii dhaabbatee, “Jarana, waan ani isiniin jedhe dhageettanee Qareexisii adoo ka'uu dhaddane, bala'aa fi badiin tun isin hin dhaqqadduuyyu. Amma ammoo, jabaadha'a! Sababille hoboloo guddittii malee, isin keessaa lubuun nama tokkolle hin baddu. Halkan edaa ergamaan Waaqaa ka Waaqa ani ka isaa te'ee fi ka ani waaqonfadhuu, ana bira dhaabbatee, ‘Phawuloos, hin sodaatin! Ati Mootii Mootota Rooma'aa dura dhaabbatuu qadda. Waaqille lubbuu worra si woliin jiruu duudii, si'iif jedhee du'a irraa hin hambura’ jedhee anatti himeera. Tanaaf, jarana jabaadha'a! Akkuma inni anatti hime akka teetu ani Waaqatti hin addadha'a. Te'uu malee, bubbe'een oofannee, oddoola tokko irratti gatamuu hin oollu” jedhe. Gaafa guyyaa kudhanii arfeesso'oo halkan, abbaayaa guddittii Adriiya'aa irra bubbeen asii fi achi nu oofaa, gara halkan wodhakka'aa yennaa geenne, worri hoboloo guddittii keessa jiranu, waan lafatti dhikaatane seyane. Isaan waan ulfaatu qaccee wodaro'ootitti hidhanee gad busanee, gad fageenni bisaanii meetira afurtama te'ee dhaggane; diqqoo deemaneen duuba akkuma kaan wodaroo bisaan keessa buusanee gad fageenni meetira soddoma te'e. Hoboloon guddittiin rassaa dhootti jedhanee sodaatanee, sibiila ulfaataa afur, hoboloo guddittii duubaan abbaayaa guddittii keessa gad buusanee, akka latti bariituuf daadimatane. Achiin duuuba worri hoboloo guddittii oofu, dheetiisa barbaadanee, sibiila ulfaataa hoboloo guddittii duraan abbaayaa guddittii keessa waan gad buusanu fakkeessanee, hoboloo diqqittii hoboloo guddittii irra jirtu, abbaayaa guddittii keessa buusane. Phawuloos ammoo ajajaa dhibbaatii fi loltootaan, “Worri kun hoboloo guddittii irra yoo turuu dhabe, isin hafuu hin dandeettanu” jedhe. Tanaaf loltooti wodaroo hoboloon diqqoon ittiin hidhante irraa kutanee abbaayaa guddittii irratti gad lakkisane. Fuullee ganamaa, Phawuloos isaan duudiin sagalee akka nyaatanu kadhatee, “Isin adoo sagalee hin nyaatin adhi bultii kudhanii arfeesso'oo ti; yennaa tana mara womaa afaaniin hin qanne. Tanaaf, akka isin sagalee nyaattanu isin kadhadha; jiraatiisaaf nyaatisa isin barbaachisa. Isin keessaa mataa nama tokkoo irraayyuu rifeensi tokkochille hin badu” jedhe. Phawuloos tana jedheen duuba, xaltaa ol fuudhee, isaan duudii duratti Waaqa galateeffatee, cassee, nyaatiisa jalqabe. Achiin duuba isaan duudiin jajjabaatanee, sagalee nyaatane. Nuuti worri hoboloo keessaa wolumatti namoota dhibba lamaa fi torbaatamii jaa. Isaan duudiin nyaatanee qufaneen duuba, fe'iisa qamadi'ii abaayaa gudditti'itti darbanee hoboloo guddittii sallisane. Yennaa latti bariite, worri hoboloo oofu latti eessa akka teete hin beenne; ammoo isaan maansa qarqara abbaayaa gudditti'ii dhagganee, yoo dande'ame hoboloo guddittii gara qarqara lafaa dhiibiisaaf barbaadane. Maarre isaan wodaroo kutanee sibiila ulfaataa san akka abbaayaa guddittii lixu lakkisane; yoosuma wodaroo muka hobolo'oon oofanulle hiikane. Marduufa fuula duraa bubbe'etti ol kaasanee, akka bubbeen hoboloo guddittii gara qarqara abbaayaa gudditti'ii geessitu lakkisane. Hoboloon guddittiin ammoo gara duraatiin lixxee, tuulaa maansaatitti rakkattee tacho'uu dadhadde; gara duubaatiin ammoo hunna danbali'iitiin caccabuu jalqadde. Worra hidhamane keessaa tokkochille abbaayaa guddittii daakee akka hin milindhe, loltooti isaan duudii ijjeesiisaaf yaadatane. Ajajaan dhibbaa ammoo Phawuloos lubbuu hamburiisaaf waan barbaadeef, akka isaan waan yaadane godhanu hin lakkinne. Inni worri daakiisa dande'u dursee hoboloo guddittii irraa utaalee akka lafatti bayanu ajaje; worri hafe ammoo, falaxaa mukaa baxxichaan yookiin muka hoboloo gudditti'ii ka caccabeen akka bayanu hime. Akka kanaan isaan duudiin nageyaan lafa irra geyane. Nuuti nageyaan lafa irra geenneen duuba, maqaan oddoola sanii Malaaxiyaa akka jedhamu beenne. Namooti oddoola sanii, waan baaseffachiisu nuu godhane; roobaa fi boojjii waan teeteef, ibidda gabbisanee nu duudii fudhatane. Phawuloos haasumee wolitti qabee ibiddatti yennaa kewu, buutiin takka qoraan keessaa o'a ibiddaa adoo dheettuu, harka Phawuloosii ciniinte. Namooti oddoola sanii, buutiin harka Phawuloosiititti rarrateertuun dhagganee, “Namichi kun nama dhiigaa ti; inni abbaayaa guddittii keessaa nageyaan bawulle, muraa Waaqaa jalaa bayee, jiru'uun le'iisa hin dandeenne” woliin jedhane. Phawuloos ammoo, buutii ibidda irratti hargufee buusee, adoo hin miidhamin hafe. Isaan, “Nafi isaa ammaa iitowa yookiin ammaa lafa dhayee du'a” jedhaa eegaaraniiyyu. Guddoo eeganeen duuba ammoo akka womaa te'aa hin jirre dhagganee, yaada ifii jijjiiranee, “Inni waaqa” jedhane. Bulchaan oddoolaa ka Phophlii'os jedhamu tokko, addee san biraa lafa qabaayyu; inni mana ifiititti nu fudhatee, haga guyyaa sadii akka dansaa nu keessunsiise. Gaafas abbaan Phophlii'osii dhukkuba nafa o'isuu fi albaasuun dhibamee irkateeraayyu. Phawuloos gara isaa ilaaliisaaf seenee, isaaf daadimatee, harka ifii isa irra keyee fayyise. Wonni kun teeteen duuba, worri dhibiin oddoola sanii ka dhibamane duudiin, dhufanee fayyane. Isaan ulfinna guddaa nu kennanee, yennaa nuuti hobolo'oon deemiisaaf kaane, waan kara'aaf nu barbaachisu mara nuu kennane. Ji'a sadiin duuba hoboloo guddittii Iskindiriiya'aa, ta ji'a gannaa lafa Maalxiya'aatitti baateen kaanee deenne; hoboloon guddittiin sunille waaqota lakku'uu ka, “Diyoosqoros ” jedhamu mataa irraa qaddi. Qachaa Seraakusiititti gallee, guyyaa sad achi bulle. Achii hobolo'oon kaanee, qachaa Reegiyosii geenne. Boruyyaa bubbeen kibba irraa bubbittu waan kaateef, guyyaa lamatti gara qachaa Photiyolii dhunne. Qachaa sanitti dhugeeffattoota garii dhagginee, guyyaa torba isaan woliin akka turru nu gaafatane; achiin duuba gara qachaa Rooma'aa deenne. Dhugeeffattoti qachaa Rooma'aa keessa jiranu, dhufa teenna dhage'anee, kuun haga qachaa Aphiyosii, kuun haga addee “Bultuma sadi” jedhantuu nu fudhatiisaaf dhufane. Phawuloos yennaa isaan dhagge, Waaqa galateeffatee, jajjabaate. Qachaa Rooma'aa yennaa geenne, Phawuloos lolticha isa eegu woliin qofi akka le'u eeyyamameef. Guyyaa sadiin duuba, Phawuloos sooreyyii Yihudootaa wolitti waansise. Yennaa isaan wolitti qabamane, “Obboleeyyan tiyya; ani kolbaa teenna irratti yookiin aadaa abbootii teennaa irratti yakkaa tokkolle adoo hin godhin, Yerusaalem keessatti hidhamee, harka worra Rooma'aatitti dabarfamee kenname. Worri Rooma'aa na qoranee, yakkaa du'a anatti mursiittu waan dhabaneef, ana hiikiisaaf barbaadane. Yihudooti ammoo yennaa waan kana mormane, Mootii Moototaatitti akka iyyadhu hunnaan godhame malee, kolbaa tiyya irratti himata hin qabu. Sababa kanaaf isin dhaggee, isin woliin dubbanuuf isin waame. Ani sababa addii kolbaa Israa'eliitiif jedhee wodaroo sibiilaa tanaan hidhameera” jedhee isaanitti dubbatte. Isaan deebisanee, “Lafa Yihuda'aa irraa xalayaan tokkolle marroo teetiif nuuf hin barreeffanne; yookiin kolbaan teenna ta achii dhutte oduu yookiin waan hantuu tokkolle marroo teeti hin dubbanne. Te'uu malee kolbaan addee duudi'itti golii dhugeeffannaa teetii tana akka mormitu hin beenna; nuuti ammoo yaada keeti dhage'uu barbaanna” jedhane. Maarre isaan guyyaa Phawuloos woliin wol dhagganu qabatanee, guyyaa san heddatanee addee Phawuloos jiru dhufane. Inni ganamaa jalqabee haga galgalaa marroo Mootummaa Waaqaa isaaniif dhugaa bayee, marroo Yesuusii kitaaba Muuse'eetii fi raagotaa keessaa itti himaa isaan dhugeeffachiisiisaaf wodhaane. Isaan keessaa gariin dubbii inni dubbate dhugeeffatane, worri kuun ammoo hin dhugeeffanne. Maarre isaan wolii hin galle; adoo isaan achii hin ka'in, Phawuloos dubbii takkattii tana isaanitti dubbatee, “Ayyaanni Woyyichi afaan Isaayaasii raagichaatiin abbootii teessanitti dubbatee, ‘Gara kolbaa tanaa dhaqiitii akkana jedhiin: Isin hin dhageettan hin dhageettan, ammoo hin hubattanu: Isin hin ilaaltan hin ilaaltan, ammoo hin dhaggitanu; sababille qalbiin kolbaa tanaa dillootteerti; gurri isaanii cuqqalameera, ila ifiille dunuunfataneeran. adoo akkas hin te'inii, silaa ilti isaanii dhaggitee, gurri isaanii dhage'ee, qalbiin isaanii hubattee, sila gara kiyya deebi'anee, anille isaan fayyiseeraayyu’ jedhe. “Fayyinni Waaqaa kun worra Yihudoota hin te'iniif akka ergame beeka'a. Isaan hin dhage'an” jedhe. [ Phawuloos tana dubbateen duuba, worri Yihudootaa guddoo wol moromaa isa biraa deemane.] Phawuloos woggaa lama duudii mana kireeffate keessa tee'ee, worra isa ilaaliisaaf dhufu duudii fudhate. Inni sodaa malee, namuu adoo isa hin dhooggin mootumaa Waaqaa lallabaa, marroo Goottaa Yesuus Kiristoosiille barsiise. Ana Phawuloosii tajaajilaa Yesuus Kiristoosii te'ee fi ergamaa te'iisaaf waamamee, Oduu Gammadaa ta Waaqaa akka lallabuuf Waaqi file irraa: Oduun Gammadaa tun akkuma Barreeffama Woyyicha keessatti barreeffante, ta Waaqi bara heddu'uun duratti karaa raagota ifiitiin waadaa gale. Oduun Gammaadaa marroo Ilma isaa, Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, namoomaan sanyii Daawwitii keessaa dhalatee dubbatti; akkasuma Goottaan keenna Yesuus Kiristoos Ayyaana Woyyichaan du'a keessaa ka'iisaan, Ilma Waaqaa akka te'e hunna guddo'oon beekkameera. Karaa isaatii fi maqa isaatii jedhee, worri Yihudoota hin te'in mara akka dhugeeffatuu fi ajajamu, akka ani qajeelchuuf badhaadha ergamaa te'iisaa, Waaqi anaaf kenneera. Isinille worri Roomaa keessaa, ka Yesuus Kiristoosii akka teetanuuf Waaqi waameera. Maarre isin worra Roomaa keessa leetanu, ka Waaqi jaallatee akka kolbaa isaa teetanuuf waame maraaf: Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaa Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya kennu. Duraan dursee, dhugeeffannaan teessan biyya lafaa maratti waan dhage'amiisatti jirtuuf, karaa Yesuus Kiristoosiitiin isin maraaf Waaqa kiyya galateeffadha. Waaqi ani gadhaa tokkochaan Oduu Gammadaa ta marroo Ilma isaa dubbattu lallabiisaan tajaajilu, akka ani yennaa mara daadimannaa tiyyaan isin qaabbadhu dhugaa tiyya. Waaqi fedha ifiitiin dhuma irratti akka ani amma dhufee isin dhagguuf akka na dandeessisu gaafadha. Isin jajjabeessiisaaf, eebba Ayyaanaa isiniin geyiisaaf, ani isin dhaggiisaaf guddoo barbaadeera. Isin dhugeeffannaa tiyyaan anille dhugeeffannaa teessaniin, nuuti lamaanuu akka wol jajjabeessinu jechuu kiyya. Obboleeyyan tiyya! Ani akkuma worra Yihudoota hin te'in oddu'utti dhugeeffattoota hedduu dhagge, isin odduulle'etti dhugeeffatoota dhagguu fedheeraayyu; yennaa hedduu gara keessan dhufiisaaf karoorfadhee, ammoo akka naaf hin te'in akka beettanu barbaada. Ani kolbaa maraaf, worra Giriikootaatii fi worra Giriikoota hin te'iniifille, qaroolle'ee fi gowwoole'eefille itti gaafatama qaba. Maarre ani isin worra Roomaa keessa leetanuufille, Oduu Gammadaa lallabiisaaf halchaa qaba. Ani Oduu Gammadaatitti hin fokkifadhu; Oduun Gammadaa worra dhugeeffatu mara: duraan dursitee Yihudoota, akkasuma worra Yihudoota hin te'in mara fayyisiisaaf hunna Waaqaa ti. “Balchaan dhugeeffanna'aan jiruu dhaggata” jedhantee barreeffanteerti; balchummaan Waaqaa huji'iin waan mudhatteef, jalqabaa haga dhumaatitti nami dhugeeffanna'aan balchooma. Waaqa sodaa dhabiisaa fi hammeenna kolba'aa, ka hammeenna ifiitiin dhugaa mudhii dhoogganu irratti, ol-gubbaa irraa mufiin Waaqaa mudhatteerti. Waan namooti marroo Waaqaa beekiisaaf dande'anu, Waaqinuu waan isaanitti mudhiseeruuf, isaanitti mura. Biyyi lafaa haga dadantee jalqabee adabi isaa, jechuulle hunni isaa ta bara baraatii fi Waaqummaan isaa ilatti ta hin mudhanne, karaa waan inni dadeetiin mudhattee hubatanteerti; maarre namooti waan itti aalatanu hin qabanu. Isaan Waaqa adoo beekaneeranu, ulfinnaa fi galata isaaf male hin kennineef; yaada ifiitille'een shufuroo te'ane; qalbiin isaanii duwwaan sun dukkanootte. Qaroolee ifiin jedhan, ammoo isaan gowwoole'e; ulfinna Waaqa hin duuneef kennuu malane, fakkii nama du'uutiif yookiin sinbirrootaatiif yookiin bineensoota miila afuriitiif yookiin bineensota lafa irra lowanuutiif kennane. Tanaaf akka isaan nafa wolii irratti waan fokkisiisu godhanuuf, halchaa isaanii badduu ta battumma'aan guutanteef akka bitamanu Waaqi dabarsee isaan kenne. Sababille isaan dhugaa Waaqaa dharatti jijjiirane; Waaqa dade waaqeffatiisa irra waan Waaqi dade waaqeffatanee tajaajilane; Waaqi ammoo haga bara baraa ka galateeffame! Ameen. Isaan kana waan hujaneef, Waaqi halchaa fokkisiittuuf dabarsee isaan kenne. Dubartiin isaanii aadaa malee dubartii woliin sagaagalte. Akkasuma dhiirtille wol qunnamittii aada'aa ta dubartii woliin gootu lakkittee, halchaa wol woliitiin gubatte. Tanaaf dhiirti dhiira woliin waan fokkisiisu goote; hujii badduu ifiitiif adabbii malte ifitti fidane. Namooti Waaqa beekiisa waan didaneef, Waaqi qalbii jallaammetti'iif dabarsee isaan kenne; tanaaf isaan waan hujiisaaf hin malle hujan. Isaan balleessaa adda addaatiin, hammeennaan, joljolaan, hujii gadhe'een, hinaaffa'aan, ijjeecha'aan, lolaan, sobaa fi dabaan guutamane. Akkasuma wol hamatan, maqaa wol balleessan, Waaqa jibban, wol arrassan, hin bondhooran, ifi saadan, karaa heddu'uun hammeenna barbaadan, worra ifiitiif hin ajajamanu, hin qalbeeffatanu, waan dubbatanu hin guutanu, woli hin jaalatanu yookiin woliif naasuu hin qabanu. Isaan Seera Waaqaa ka, “Worra waan akkasii godhu maraaf du'atti male” jedhu hin beekan. Te'uu malee, waan akkasii mara godhiisa qofa adoo hin te'in, worra waan akkasii godhulle'een, “Dansaa gootane” jedhan. Ati, nama dhibi'itti ka murtu, waan itti aalattu hin qaddu. Ati ka nama dhibi'itti murtu, waanuma inni huje san waan hujjuuf, ifumatti murta. Muraan Waaqaa ka worra waan akkasii huju irratti dhufu sirrii akka te'e nuuti hin beenna. Ati ammoo, namana, yennaa waanuma namatti murte san hujju, waan muraa Waaqaa jalaa milixxe baatu sitti fakkaataa? Yookiin gadhi-laafummaa isaa guddoo, ossata isaatii fi si dande'uu isaa hin tuffattaa ree? Wonni Waaqi gadhi-laafummaa ifii si'iif fakkanseef, gara cubbuu irraa deebi'iisaa si geessiisaaf akka te'e hin beettuu? Ati ammoo mataa jabinnaa fi yaada cubbuu irraa hin deebine hin qadda. Yennaa mufi'ii fi muraan Waaqaa balchittiin mudhattuuf adabbii teeti kuufatiisatti jirta. Waaqi nama tokko tokkoofu akkuma hujii isaatitti hin kenna. Inni worra ossee waan dansaa hujaa ulfinna, guddinnaa fi jiruu hin banne Waaqa biraa dhaggatiisaaf barbaaduuf, jiruu bara baraa hin kenna. Worri dhibiin mataa ifii jaallatee waan dokonkora te'e hordofiisaaf dhugaa didane; Waaqi mufi'ii fi muraa ifii isaanitti hin fida. Dhiphinnii fi rakkinni worra waan hantuu huju mara irratti, dursee Yihudoota irratti akkasuma worra Yihudoota hin te'in irralle'etti hin dhufa. Waaqi ammoo ulfinna, guddinnaa fi nageya worra waan dansaa hujatu maraaf, dursee Yihudootaaf akkasuma worra Yihudoota hin te'iniifille hin kenna. Waaqi nama wol hin caalchisu. Worri adoo Seera Muuse'ee hin qabaatin cubbuu huju, Seera dhabulle hin badan; worri Seera adoo qabuu cubbuu huju maraa ammoo Seeraan itti muranti. Sababille fuula Waaqaa duratti waan Seerri ajaju hujiisaan balchaa te'an malee, dhage'iisa calla'aanii moti. Worri Yihudoota hin te'in Seera hin qabanu; Seera qabaatuu dhabanulle, dadama isaaniitiin waan Seerri ajaju hujan; isaan ifiif seera isaanii ti. Akki isaanii akka wonni Seerri ajaju gadhaa isaanii keessatti barreeffameeru mudhisa. Yennaa tokko tokko wodanaan isaanii isaan himata; yennaa tokko tokkolle isaaniif falmata; tanaaf, wodanaan isaaniille tun dhugaa akka teete mudhisa. Maarre, akka Oduu Gammadaa ani lallabuutitti, yennaa Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitin waan dhossa'a ka namooti hujane maratti muru tun teeti. Kunoo ati, “Ani Yihudi'i” ifiin jetta; seeratti ciqilfatta; ka Waaqaa te'iisa keetille'een ifi jajja. Ati fedha Waaqaa hin beetta; Seera waan baratteertuuf waan te'uu fi waan hin teene gargar baattee hin beetta. Worra balla'aaf sooressa, worra dukkana keessa jiruuf ifa akka teete ifi addatta; Seera keessatti beekkunsaa fi dhugaa waan dhaggiteef, gowwaa hin gorsita, wollaalaa hin barsiitta. Ati worra dhibii ka barsiittu maaf ifi hin barsiinne ree? “Hin hatina'a!” jettee lalladda, ifiif ammoo hin hatta; “Hin gaarayyeeffatina'a!” jetta, ifiif ammoo hin gaarayyeeffatta; waaqota dharaa waaqeffatiisa hin jibbita, ammoo galmoota isaanii hin saanta. Seera Waaqaatiin ifi jajja, ammoo seera isaa cassiisaan Waaqa irratti fokkoo fidda. Tun tama Barreeffam Woyyichi, “Sababa kessaniif, maqaan Waaqaa worra Yihudoota hin te'in oddu'utti faanshoyeera” jedhu. Ati yoo Seeraaf ajajante, haqanqabaa qabatiisi keeti gatii qaba; yoo ati ammoo Seeraaf hin ajajamin, akka ijjumaayyuu haqanqabaa hin qabatin teeta. Worri Yihudoota hin te'in ka haqanqabaa hin qabatin, ajaja Seeraatiif yoo ajajame, akka haqanqabaa qabateetitti Waaqi hin laakkowuufii ree? Maarre ati haqanqabaa qabattee Seera barreeffame qabaattulle, Seera waan cassiteef, worri haqanqabaa hin qabatin sitti hin mura; isaan nafaan haqanqabaa qabatiisa dhabanulle, Seeraaf ammoo ajajamaneeran. Nami maqaa calla'aan nama Yihudi'ii te'e nama Yihudii dhugichaa moti; akkasuma haqanqabaan nafaa mudhatu qabatanu haqanqabaa dhugichaa moti. Yihudiin dhuga'aa nama keessi isaa Yihudii te'e; haqanqabaan dhugichi, haqanqabaa Ayyaana Waaqaatiin te'u, haqanqabaa qalbi'iiti malee, haqanqaba nafaa, ka akka Seera keessatti barreeffameetii moti. Nami akkasii leellisa Waaqa biraa dhaggata malee, nama biraannii moti. Eegasuu bu'aan Yihudii te'iisaa maan ree? Yookiin gatiin haqanqabaa qabatiisaa maan? Dhugumaan Yihudii te'iis karaa maraanuu gatii guddoo qaba! Wonni guddaan Waaqi magannee jecha ifii Yihudootatti kennatiisa. Yihudoota keessaa gariin yoo hin addatamin, addatamiisa dhabiisi isaanii addatamiisa Waaqaa hin hanburaa ree? Ijjumaa hin hanburu! “Ati jecha keetiin dhugaamessa teeta; worra si himatulle hin injiffatta” jedhantee akkuma barreeffante, nami maraayyuu dharaamessa te'ulle, Waaqi dhugaamessa. Ammoo balchummaa dhabuun keenna yoo balchummaa Waaqaa irra caalaa mudhise, nuuti silaa maan jenna ree? Waaqi yennaa nu adabe balleessaa hujee ree? Tana akkuma nami dubbatu dubbadha. Ijjumaa waawwo'o! Waaqi balchaa yoo hin te'in, attamiin biyya lafaatitti mura ree? Ammoo addatamuu dhabuun kiyya addatamiisa Waaqaa mudhittee, baceenna ulfinna isaa ka mudhittu yoo teete, maaf haga ammaa akka cubbaalessaa anatti murama ree? Namooti gariin, “Waan dansaa fidiisaaf, kowa'a waan hantuu hujna” jedhaa akka waan ani barsiisuu fakkeessanee ana himatan; tanaaf worra akkasii irratti muraan murantu tama isaanii malte. Nuuti Yihudooti worra Yihudoota hin te'in hin caallaa ree? Ijjumaa waawwo'o! Nami duudiin Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'inille hunna cubbu'uu jala akka jiranu ani dursee mudhiseera. Akkuma barreeffante: “Nami balchaan tokkolle hin jiru, tokkochille hin jiru; ka hubatulle hin jiru; ka Waaqa barbaadatulle hin jiru. Martinuu worra gatii hin qanne te'aneeran; wol qabatanee dokonkoraneeran. Hujii dansaa ka huju tokkolle hin jiru; Jecha nama miidhu dubbatiisaaf, afaan isaanii akka awwaala banamee ti; arraba ifiitiin hin soban; dubbiin hidhiin isaanii dubbattulle ta akka hadhaa dhudhuufa'aa nama miitu; afaan isaanii abaarsaa fi dubbii hadhoottu'uun guutameera. Miilli isaanii dhiiga namaa jissiisaaf ariifata; addee isaan dhaqane mara badi'ii fi deegatti jira. Karaa nageyaalle hin beekanu; Waaqa sodaan isaan bira hin jirtu” jedha. Ajaji Seeraa worra Seera jala jiru akka ilaalu hin beenna; tanaaf namooti waan itti aalatanu dhabanee afaan qabatan; biyyi lafaa duudiin muraa Waaqaa jala galti. Tanaaf eennulle Seera muummessiisaan Waaqa duratti hin balchoomu; Seerri nami maraa cubbicha akka te'e mudhisa. Amma ammoo, Seeraaf adoo hin ajajamin karaan Waaqi kolbaa ittiin balchoonsu mudhateera; Seerri Muuse'eetii fi Raagotille karaa kanaaf dhugaa bayaneeran. Waaqi worra Yesuus Kiristoositti dhugeeffatu maraaf adoo wol hin caalchisin balchummaa hin kenna. Nami martinuu cubbuu hujeera; ulfinni Waaqaalle irraa dhidhateera. Ammoo karaa wodoo te'iisa Yesuus Kiristoosiitiin toluma badhaadha Waaqaatiin balchoomeera. Worri isatti dhugeeffatu maraa dhiiga isaatiin araara cubbuu ifii akka dhaggatuuf, Waaqi Yesuus Kiristoos ciincaa guma'aa godhee dhikeesse. Inni cubbuu durii ossa ifiitiin balleessiisaan muraa ifii ta sirrii teete mudhisiisaaf tana godhe. Bara ammaa kanalle, worra Yesuus Kiristoositti dhugeeffatu mara balchoonsiisaan, Waaqi balchaa te'iisa ifii mudhisa. Yoona wonni ittiin ifi janyu maanti jira ree? Womaa! Maaf ifi jajuu dhanna ree? Waan Seera muummessinuufii? Waawwo'o; ammoo dhugeeffanna'aan. Maarre nami waan Seerri ajaju muummessiisaan adoo hin te'in, dhugeeffannaa calla'aan Waaqa duratti akka balchoomu dhaggina. Yookiin Waaqi Waaqa Yihudootaa calla'aa? Inni Waaqa worra Yihudoota hin te'iniitille'ee motii? Ee, ka worra Yihudoota hin te'iniitille'e. Waaqi tokkocha; Yihudootalle te'e, worra Yihudoota hin te'in dhugeeffannuma isaaniitiin ka balchoonsu isa. Egasuu dhugeeffanna'aan Seera hin diinna jechu'uu ree? Waawwo'o; diigiisaan irra, Seera jabeessinee qabanna. Marroo Abrahaamii, abbaa sanyii teennaa maan jenna ree? Inni maan dhaggate? Adoo waan Abrahaam huji'iin balchoomee jiraate, silaa inni waan ittiin ifi jaju qabaayyu; ammoo Waaqa duratti ifi jajuu hin dande'u. Barreeffam Woyyichi, “Abrahaam Waaqatti dhugeeffate, dhugeeffannaan isaalle balchumma'atti laakkowanteef” jedha. Mindaan nama hojjateef kaffalamu, gatii hujii isaati malee, akka kennansaatitti hin laakkowamu. Nami hujii dansaa dhabulle, Waaqa cubbaalleyyii balchoonsutti yoo dhugeeffate, dhugeeffannaan isaa balchuma'atti hin laakkowantiif. Nami Waaqi hujii dansaa malee balchoonsu, nama badhaadhe akka te'e Daawwitille dubbatee, “Worri yakkaa isaaniitiif araarri kennamee fi cubbuun isaaniille haqanteef ka badhaadhe! Nami Goottaan cubbuu isaa itti hin laakkonne ka badhaadhe” jedheera. Badhaadhiisi kun worra haqanqabaa qabate qofaaf moo, yookiin worra haqanqabaa hin qabatinille'eef ree? Worra haqanqabaa hin qabatinille'eef. Nuuti, “Abrahaam Waaqatti dhugeeffatee, dhugeeffannaan isaa balchumma'atti laakkowanteef” jenna. Dhugeeffannaan Abrahaamiif, balchumma'atti ka laakkowanteef yoom? Haqanqabaa qabateen dura moo duuba? Adoo haqanqabaa hin qabatin dura malee, duubaa moti. Abrahaam haqanqabaa adoo hin qabatin dura, dhugeeffannaan isaa balchuma'atti akka laakkowanteef, beessisa mirkaneessu akka te'uuf haqanqabaa qabate; tanaaf Abrahaam worra adoo haqanqabaa hin qabatin dhugeeffatuu fi dhugeeffannaan isaaniille balchumma'atti laakkowantu maraaf abba'a. Akkasuma Abrahaam worra haqanqabaa hin qabatinille'eef abba'a; waan isaan haqanqabaa qabatane qofaaf adoo hin te'in, waan isaan dhugeeffannaa inni adoo haqanqabaa hin qabatin dura qabulle hordofaneef, worra haqanqabaa qabateef abbaa te'e. Abrahaamii fi sanyiin isaa biyya lafaa akka dhaaltu wonni Waaqi waadaa galeef, marroo balchummaa dhugeeffanna'aan dhaggateetiif malee, waan Seera muummesseefii moti. Worri dhaalu worra Seera muummeessu yoo te'e, dhugeeffannaan gatii hin qaddu; waadaan Waaqi galelle gatii hin qabu. Seerri mufii Waaqaa fida; addee Seerri hin jirretti ammoo, Seera dabariis hin jiru. Tanaaf waadaan dhugeeffannaa irratti hundooyeeraayyu; waadaan kunille, ka sanyii Abrahaamii maraaf, Waaqa irraa badhaadhaan kenname akka te'e tanaan mirkanoyeera. Kunille, worra akka Abrahaamii dhugeeffate maraaf malee, worra Seera hordofu qofaafii moti; Abrahaam nu maraafuu abba'a. Barreeffam Woyyichi marroo Abrahaamii yennaa dubbatu, “Gosa heddu'uuf abbaa si godheera” jedha; Waaqa worra du'e du'aa kaasuu fi waan hin jirre jiraachisutti Abrahaam waan dhugeeffateef, Waaqi waadaa kana isaaf gale. Abrahaam addee wonni addachiisu hin jirretti addatee, akkuma Barreeffam Woyyichi, “Sanyiin teeti hin heddatti” jedhu, abbaa gosa heddu'uu te'e. Inni nama gara woggaa dhibbaa ti; ammoo nafa ifii ka du'a geye, yookiin gadaamessa Saara'aalle ka dewuu hin dandenne herregee dhugeeffanna'aan hin dadhanne. Inni dhugeeffana'aan jabaatee Waaqa ulfeesse malee, dhugeeffatiisa dhabee, waadaa Waaqaa hin mamne. Waaqi waadaa gale ka muummessu akka te'elle gadhaa tokkochaan dhugeeffateeraayyu. Tanaaf dhugeeffannaan Abrahaamii balchumma'atti isaa laakkowante. Te'uu malee jechi, “Balchumma'atti laakkowameef” jedhu, Abrahaam calla'aaf adoo hin te'in, nu'ulle'eef barreeffame. Nu worra Waaqa Goottaa keenna Yesuus du'aa kaasetti dhugeeffannuufille, dhugeeffannaan teenna balchumma'atti nu'uuf hin lakkowanti. Yesuus sababa cubbuu teennaatiif du'aaf dabarfamee kennamee, nu balchoonsiisaaf du'aa k'e. Tanaaf, eega dhugeeffanna'aan Waaqa duratti balchoonne, karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristootiin Waaqa woliin nageya qanna. Kiristoos gara badhaadha Waaqaa, ka amma ittiin dhaabbanee jirru kanaa nu fideera; nuutille addii ulfinna Waaqaa ittiin qoodannuun ifi janya. Tana qofaan adoo hin te'n, rakkinni ciniinnatanee ossiisa akka nu'uu fidu waan beennuuf, rakkinna keennalle'een ifi janya. Ciniinnatanee ossiisille mirkaneessiisa Waaqaa fida; mirkaneessiis Waaqaalle addii fida. Jaalalli Waaqaa karaa Ayyaana Woyyicha nuuf kennameetiin, gadhaa keenna waan guuteeruuf, addiin nu hin qaanessitu. Adoo nuuti dadhaboole'eetuu, yennaan Waaqi murteesse geennaan Kiristoos cubbaaleyyi'iif du'e. Nama addee nama balcha'a du'u dhaggatiis guddoo rakkisa'a; te'ulle nami addee nama dansa'a du'iisaaf fedhu dhaggamuu fa dande'a. Ammoo adoo nuuti cubbaaleyyi'iituu Kiristoos addee teenna du'eera; kunille jaalalli Waaqi nu'uuf qabu attam attam guddaa akka te'e mudhisa. Amma nuuti dhiiga isaatiin eega balchoonnee, karaa isaatiin irra caalaa mufii Waaqaa jalaa hin fayyina. Nuuti diinota Waaqaa ti; inni ammoo karaa du'a Ilma ifiitiin jaalota ifii nu godhe. Amma eega jaalota Waaqaa teene, karaa jiruu Kiristoosiitiin irra caalaa hin fayyina. Tana qofa adoo hin te'in, karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii ittiin Waaqa woliin araaranneetille'een, Waaqaan ifi hin janya. Karaa nama tokkochaatiin cubbuun gara biyya lafaa dhutte; cubbuulle du'a fidde. Akkasuma nami maraa cubbuu Addaamiitiin waan cubbameef, duuti sanyii namaa maratti dhutte. Adoo Seerri Muuse'ee hin kennamin dura cubbuun biyya lafaa irra jirtiiyyuu; te'uu malee addee Seerri hin jirretti, cubbuun akka cubbu'uutitti hin laakkowantu. Ammoo bara Addaamii irraa jalqaddee haga bara Muuse'ee, duuti nama mara irratti moote; worruma akka Addamii Seera Waaqaa dabaree cubbuu hin hunye irralle'etti moote. Addaam fakkeenna Kiristoosii dhufuu ti. Ammoo kennaan badhaadha Waaqaa akka cubbuu namaatii moti; akkuma sababa cubbuu nama tokkochaatiif worri hedduun du'e, sababa badhaadha Waaqaatii fi sababa Yesuus Kiristoosii nama tokkochaatiif, kennansi badhaadhaa worra heddu'uuf danbalaafamee kennameera. Akkasuma bu'aan badhaadhaa, ka kennansi Waaqaa tolaa fide, ka akka cubbuun nama tokkochaa fiddeetii moti; muraan marroo cubbuu nama tokkochaatiif kenname adabbii fide; kennansi tolaa ka sababa cubbuu heddu'uutiif kenname ammoo balchummaa fide. Eega sababa cubbuu nama tokkochaatiif duuti nama mara irratti baallii dhaggatte, worri badhaadha Waaqaa ka danbala'ee fi kennaa tolaa fudhatee balchoome maraa, karaa nama tokkochaa, karaa Yesuus Kiristoosiitiin le'aa moowan. Maarre, akkumaa cubbuun nama tokkochaa nama maratti yakkaa mursiitte, hujiin balchumma'aa ta nama tokkochaa nama mara balchoonsitee jiruu hin kenniti. Akkuma ajajama dhabiisa Addaamiitiin worri hedduun cubbaalleyyii te'e, ajajamiisa Kiristoosiitiin worri hedduun hin balchooma. Seerri akka cubbuun bacattuuf dhufe; ammoo qixxee cubbuun bacatte caalaa badhaadhi Waaqaa bacate. Maarre, akkuma cubbuun karaa du'aatiin moote, badhaadhi Waaqaalle karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, gara jiruu bara baraa nu geessiisaan balchumma'aan mooya. Yoona maan jenna ree? Badhaadhi Waaqaa akka bacatuuf ittuma cubbuu hunyaa ree? Waawwo'o! Nu worri cubbuu jalaa duune, attam cubbuma jala jiraanna ree? Nu worri Yesuus Kiristoos woliin tokko te'iisaaf cuuphanne maraa, du'a isaalle qoodamiisaaf akka cuuphanne hin beettanuu ree? Yennaa cuuphamaan isa woliin awwaalanne, worra du'a isaalle qoodamu teeneerra; tanaaf akkuma Kiristoos ulfinna Abba'aatiin du'aa ka'e, nuutille jiruu haareyaan hin jiraanna. Du'a isaatiin yoo akkas isa woliin tokko teene, du'aa ka'iisa isaatille'een isa woliin tokko hin teena. Le'iin teenna cubbaalettiin akka badduu fi garboolee cubbu'uu te'iis keenna akka hafuuf, nafi keenna dullachi Kiristoos woliin akka fannifame hin beenna. Nami du'e hunna cubbu'uu jalaa bilisa bayeera. Yoona yoo Kiristoos woliin duune, isa woliin jiru'uun akka leenu hin dhugeeffanna. Kiristoos waan du'aa ka'eef, deebi'ee akka hin duunee fi duutille isa irratti baallii akka hin qanne hin beenna. Inni yennaa du'e akka cubbuun isa irratti hunna hin qabaanneef, takkummaan yenna maraaf du'e; ammalle yennaa jiru'uun le'u, Waaqaaf le'a. Isinille akka cubbuu jalaa duutanee, karaa Yesuus Kiristoosiitiin Waaqaaf leetanuutitti ifi laakkowa'a. Maarre halchaa foon keessaniitiif akka ajajantanu akka isin hin goone, nafa keessan ka du'u keessatti cubbuun akka mootuuf hin eeyyamina'a. Nafa keessan keessaa addee takkaalle meya jallu'uu gootanee cubbu'uuf hin dhikeessina'a; ammoo akka worra du'a keessaa bayee gara jiru'uu dhufee, Waaqaaf ifi dhikeessa'a; nafa keessan duudii meya balchumma'aa godha'aatii Waaqaaf dhikeessa'a. Isin badhaadha Waaqaa jala jirtan malee, cubbuu jala waan hin jirreef, cubbuun isin irratti hin goottontu. Yoona maan jenna ree? Nuuti badhaadha Waaqaa jala malee, cubbuu jala waan hin jirreef, cubbuu hunyuu ree? Ijjumaa waawwo'o! Isin nama tokkoof ifi garba gootanee ajajamiisaaf yennaa dhiyeessitanu, nama ajajantanu saniif garba akka teetane hin beettanu ree? Akkasuma yoo cubbu'uuf ajajantane, cubbuu du'a fidduuf garba teetan; yoo Waaqaaf ajajantane ammoo balchummaa dhaggatan. Isin dur garboota cubbu'uu ti; amma ammoo barumsa fudhattaneef gadhaa guutu'uun waan ajajantaneef, Waaqi galatoomu. Cubbuu jalaa baatanee garboota balchumma'aa teetaneertan. Isin dadamaan dadhaboolee waan teetaneef, ani dubbii namaa galtuun dubbatiisatti jira. Akkumma tanaan dura qooda nafa keessanii garba battumma'aatii fi jallu'uu gootanee dhikeessitane, amma akka qoodi nafa keessaanii maraa woyyoomu garba balchumma'aa godha'aatii dhikeessa'a. Isin yennaa garboota cubbu'uu teetane, balchummaa jalaa bilisa jirtaniiyyu. Waan amma ittiin fokkifattanu kana irraa yeenna san bu'aa maan dhaggattane ree? Muummeen waan saniillee du'a! Amma ammoo cubbuu jalaa baatanee garboota Waaqaa waan teetaneef woyyumma hin dhaggatan; muummeen woyyumma'aalle jiruu bara baraa ti. Gatiin cubbu'uu du'a; kennansi Waaqaa ammoo karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin jiruu bara baraa ti. Obboleeyyan tiyya! Ani worra seera beekuuf dubbadha. Seerri haga nami jiru'uun jiru qofa nama irratti baallii qaba. Fakkeennaaf, dubartiin heerunte takka, haga dhirsi isi'ii jiru seeraan itti hidhanteerti; yoo inni du'e ammoo, seera ittiin hidhante san jalaa baateerti. Tanaaf dhirsi isi'ii adoo jiruu, dhiira dhibii yoo heerunte, gaarayyeeffattuu jedhanti. Dhirsi isi'ii yoo du'e ammoo, isiin seera isatti hidhante jalaa hin baati; dhirsa dhibii yoo heeruntelle gaarayyeeffattu'uu moti. Obboleeyyan tiyya! Haalli keessanille kanuma fakkaata; isin qooda nafa Kiristoosii waan teetaneef, Seera jalaa duutaneertan; tanaaf, akka nuuti tajaajila Waaqaatiif midhaan buunnuuf, isin ka Kiristoosii du'a keessaa ka'ee teetaneertan. Yennaa nuuti akka yaada foonii leenu san, halchaan hantuun Seeraan nunnuffantu, akka nuuti du'aaf midhaan buunnu, qoqooda nafa keennaa keessatti hujiisatti jirtiiyyu. Amma ammoo, Seera nu hidheeru jalaa duunee, hidhaansa isaa jaalaa baaneerra. Tanaaf haganaa achi karaa haareya Ayyaanaatiin malee, karaa Seera dullacha barreeffameeruutiin hin tajaajillu. Yoona maan jenna ree? Seerrinuu cubbu'u jennuu ree? Waawwo'o! Ammoo cubbuun maan akka teete akka ani beeku ka godhe Seera. Adoo Seerri, “Hin kajeelin” jedhuu dhabe kajeellaan maan akka teete, ani sila hin beekuuyyu. Cubbuun karaa ajaja Seera irraa dhufeetiin, halchaan marti akka ana keessatti nunnuffantu goote. Ammoo addee Seerri hin jirretti cubbuun waan du'e. Yennaa dur Seerri hin jirre ani jiru'uun le'eera; ammoo yennaa ajaji Seeraa dhufe cubbuun jiruu dhaggattee, ani du'e. Ajaji Seeraa ka jiru'uuf kennamelle du'a anatti fide. Cubbuun karaa ajaja Seeratiin na soddee, na ijjeette. Maarre, Seerri woyyu'u; ajaji isaalle woyyu'u, balcha'aa fi dansa'a. Eegasuu waanuma dansa'attuu du'a anatti fide jechu'uu ree? Waawwo'o! Cubbuun cubbuu teetee akka mudhattuuf, karaa waan dansa'aatiin, du'a anatti fidde. Karaa ajajaatiinille, cubbuun irra caalaa cubbuu teete. Seerri ayyaanticha akka te'e hin beenna. Ani ammoo nama foonii, ka garbicha cubbu'uu te'iisaaf gurgurameeru. Ani waan godhu hin hubadhu; ani waan godhiisaaf barbaadu hin gohu, ammoo waan jibbu godha. Ani eega waan hin barbaanne godhu teete, Seerri dansaa akka te'e wolii gala. Ka waan ani godhiisaaf hin barbaanne godhu, cubbuu ana keessa jirtu malee anaa moti. Ana keessa yookiin namumma kiyya keessa wonni dansaan takkattiille akka hin jirre ani hin beeka. Waan dansaa godhiisaaf halchaan na keessa jiraattulle, ani waan dansaa godhiisaaf hin dandeenne. Ani waan dansaa godhiisaaf barbaade hin godhu; ammoo hantuu godhiisaaf hin barbaanne godha. Ani yoo waan godhiisaaf hin barbaanne godhu teete, ka kana godhu cubbuu na keessa jirtu malee, anaa moti. Maarre ani Seerri hujii irra ooluun dhagga; ani yennaa waan dansaa godhiisaa barbaadu, seerri namumma'aa akka ani hantuu qofa godhu na tolcha. Keessi kiyya Seera Waaqaatitti gammada. Te'uu malee seera dhibii ka nafa kiyya keessatti, seera qalbiin tiyya fudhatu woliin wol lolu dhagga. Seerri dhibiin ana keessatti hujiisatti jiru sun, seera cubbu'uu ti; inni garba ifii na godhateera. Ani nama farraamessa attamiiti! Foon gara du'aa na geessaaru kana jalaa eentu na baasa? Karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin galanni Waaqaaf te'u! Maarre, qalbii tiyyaan ani garbicha Seera Waaqaa ti; foon kiyyaan ammoo garbicha seera cubbu'uu ti. Maarre worri Kiristoos Yesuusiin le'u, amma muraa yakka'aa jala hin jiru. Seerri Ayyaana Woyyichaa, ka jiruu kennu karaa Kiristoos Yesuusiitiin, seera cubbu'uutii fi du'aa jalaa na baaseera. Namummaan namaa dadhadduu waan teeteef, waan Seerri godhuu dadhabe, Waaqi godheera. Inni Ilma ifii ka namummaa teenna cubbaalettii fakkaatee, cubbuu haqiisaaf dhufe, ergiisaan cubbuu namummaa namaa keessa jirtutti yakkaa mure. Nu worra akka fedha foonii adoo hin te'in, akka fedha Ayyaanaa leenu keessatti, wonni Seerri nu irraa gaafatu balchichi akka muummowuuf, Waaqi tana godhe. Worri akka fedha foonii le'u waan foonii, worri akka fedha Ayyaanaa le'u ammoo waan ayyaanticha yaadatan. Yaada fooniitiin moowamuun du'a fida; yaada Ayyaanaatiin moowamuun ammoo jiru'uu fi nageya kenna. Nami yaada fooniitiin moowamu diina Waaqaa ti; sababille inni Seera Waaqaatiif hin ajajamu; ajajamiisaafille hin dande'u. Worri yaada fooniitiif ajajamu Waaqa gammachiisuu hin dande'u. Dhugumaan, Ayyaanni Waaqaa isin keessa waan jiruuf, isin akka fedha Ayyaanaa malee, akka fedha foonii hin leetanu. Nami Ayyaana Kiristoosii hin qannelle nama Kiristoosiitii moti. Yoo Kiristoos isin keessa jiraate, sababa cubbu'uutiif nafi keessaan du'ulle, sababa balchumma'aatiif Ayyaanni jiruu isinii kenna. Ayyaanni Waaqaa ka Yesuus du'a keessaa kaasee, isin keessa yoo jiraate, ka Kiristoos du'a keessaa kaase, karaa Ayyaana ifiitiin nafa keessan ka du'uufille jiruu hin kenna. Tanaaf, obboleeyyan tiyya! Nuuti waan godhuu qannu qanna; wonni godhuu qannu sunille akka fedha foonii le'iisaa moti. Yoo akka fedha foonii leetane, hin duutan; ammoo hunna Ayyaana Woyyichaatiin hujii fedha foonii yoo ijjeettane jiru'uun leetan. Worri Ayyaana Waaqaatiin sooreffamu mara ijoollee Waaqaa ti. Isin Ayyaana ilmoomaa ka, “Abba'a! Abbaa keenna!” jettanee waantanuun fudhattane malee, soda'aan akka leetanuuf ayyaana ammalle isin garboonsu hin fudhanne. Ayyaanni Waaqaatuu ayyaana keenna woliin wolii galee, nuuti ijoollee Waaqaa akka teene dhugaa baya. Maarre ijoollee Waaqaa eega teene, isa hin dhaalla; Kiristoos wolille'een hin dhaalla; amma rakkinna Kiristoosii eega qoodanne, ulfinna isaalle hin qoodanna. Rakkinni ammaa kun ulfinna gara duraa nu'uuf mudhatu woliin wol bira qabamee ilaalamuu akka hin dande'annetti ani laakkowa. Dadaan duudiin mudhachuu ijoollee Waaqaa dharraa gudda'aan eegiisatti jirti. Dadaan duudiin ta gatii hin qanne akka teetuuf itti murameera; kunille fedhii ifiitiin adoo hin te'in, fedhii Waaqa akka dadaan duudiin addi'iin eeggattu godheetiin teete. Addiin sunille ta dadaan duudiin gaafa tokkko garbummaa badi'ii jalaa baatee, ulfinna bilisummaa ijoollee Waaqaa qoodantu. Dadaan duudiinuu haga ammaa ciniissifatiisaan aadiisatti akka jirtu hin beenna. Dadaa qofa adoo hin te'in, nuutinuu worri Ayyaana kennaa mata'aa te'e qannu, Waaqi ilma isaa ka guddisaa te'iisa keenna akka mudhisuu fi du'a jalaa wodamiisa keenna eegataa, keessa keennatti aadiisatti jirra. Nuuti yennaa fayyine waan addi'iin eegataa jirrutti jira; wonni addii godhannu waan fudhanneerru yoo te'e, addii te'iisi isaa hin hafa. Waan fudhateeru ka addi'iin eegatu eennu ree? Waan hin fudhatin yoo addii godhanne ammoo, ossaan hin eegganna. Akkuma kana Ayyaanni dadhabbii teenna nu gargaara; attam akka daadimannu nuuti waan hin beenneef, Ayyaanni ammoo aaduu dubbi'iin himantee hin dadeenneen nu'uuf daadimata. Waaqi gadhaa namaa qorqorulle, yaadi Ayyaanaa maan akka te'e hin beeka; sababille Ayyaanni akka fedha Waaqaatitti kolbaa Waaqaatiif daadimata. Worra Waaqa jaallatu ka akka fedha isaa waamameef, Waaqi waan maraa dansa'aaf akka isaanii godhu hin beenna. Worri inni dursee filate akka Ilma isaa fakkaatuu fi Ilmi isaalle obboleeyyan hedduu oddu'utti angafa akka te'uuf, waan Waaqi dursee murteesseeruuf tun teete. Worra dursee murteesse waameera; worra waamelle balchoonseera; worra balchoonselle ulfeesseera. Marroo waan kanaa, nuuti maan jenna ree? Waaqi nu woliin yoo jiraate, eentu nu mormee dande'a? Waaqi Ilma ifii adoo hin marariffatin, nu maraaf dabarsee kenne, waan mara Ilma ifii woliin toluma nuuf hin kennuu ree? Worra Waaqi fooyate eentu himata? Ka isaan balchoonsu Waaqa. Eentu itti mura ree? Kiristoos Yesuusiin du'ee, du'a keessaa ka'ee midda Waaqaa jiru, nu'uuf daadimatiisatti jira. Eentu jaalala Kiristoosii irraa gargar nu baasa ree? Rakko'oo moo farra? Miidha'a moo beela? Daara moo bala'a? Yookiin du'aa ree? Tun tama Barreeffam Woyyichi, “Si'iif jennee guyyuma guyya'aan ijjeeffanna; akka hoolee qalantuutitti laakkowanneerra” jedhu. Garuu womaa moti; waan kana mara keessatti karaa ka nu jaallateetiin injifattoota caalleerra. Du'alle te'ee jiruun, ergantoota Waaqaalle te'ee bulchitooti ol-gubba'aa, wonna amma jirulle te'ee wonni dhufu'uuf jiru, hunnootalle yoo te'e, wonna gubbaa jirulle te'ee wonni gad jala jiru, wonna dadaa mara keessa jirulle yoo te'e, jaalala Waaqi Goottaa keenna Kiristoos Yesuusiin nu jaallate irraa dande'ee gargar akka nu hin baanne mirkaneeffadheera. Ani ka Kiristoosii waan te'eef dhuguma dubadha; ani hin sobu. Wodanaan kiyya ka Ayyaana Woyyichaan sooreffamulle, akka ani hin sonne dhugaa anaaf baya. Ani gadda gudda'aa fi laalaa hin lakkinne gadhaa kiyya keessaa qaba. Gosa tiyya ta hiddaa hidaada kiyya teeteef jedhee, Kiristoos irraa gargar bayee adoo abaarame hin jaaladha. Gosi tiyya sun gosa Israa'elii ti; Waaqi ijoollee ifii isii godhatee, ulfinna ifiille isi'ii mudhise; gondooroo isii woliin gondoorate, Seeralle isi'ii kenne; isiin waaqeffannaa dhuga'aa qaddi; waadaa hedduulle Waaqi isi'iif gale; isiin sanyii abbootii teenna gugurdo'oo ti; Kiristoosille, akka namumma'aatitti gosa isi'ii keessaa dhalate; Waaqi waan mara bulchu, haga bara baraa leellifamu! Ameen. Te'uu malee jechi Waaqaa diigameera jechu'uu moti; kolbaan Israa'elii mara dhugumaan kolbaa Israa'eliitii moti. Akkasuma sanyiin Abrahaamii marti dhugumaan ijoollee isaatii moti; ammoo, Waaqi Abrahaamiin, “Sanyiin teeti sanyii Yisihaaqiitiin waammanti” jedheera. Kana jechuun ijoolleen akkuma aadaa nami uumatuutiin dhalatte ijoolle Waaqaati jechu'uu moti; ammoo ta akka sanyi'iititti laakkowantu, ijoollee akka waadaa Waaqi galeetitti dhalatte. Waadaan sunille jecha, “Bara dhufu yennaa akkasii yennaa ani deebi'ee dhufu, Saaraan ilma deetteerti” jedhu. Kana qofaa moti, Ribqaan ilmaan lakkuu abbuma tokkochaaf, abbaa sanyii teennaa Yisihaaqiif yennaa ulfootte, filannoon Waaqaa huji'iin adoo hin te'in, waamichaan akka te'e mudhisiisaaf, ijoolleen lamaanuu adoo hin dhalatin, isaan keessalle'ee tokkochille dansaa yookiin hantuu adoo hin hujin dura, Waaqi Ribqa'aan, “Angafichi maandhicha tajaajila” jedhe. Tun tama Barreeffam Woyyichi, “Ani Yaaqoobi jaalladhe, Eesawu ammoo jibbe” jedhu. Yoona maan jenna ree? Waaqi sirri'ii moti jedhuu dandeennaa? Ijjummaa hin dandeennu! Waaqi Muuse'een, “Ani kama mararuu barbaadeef marara; kama nawuu barbaadeefille naya” jedhe. Tanaaf, wonni marti marartii Waaqaa qofa irratti hundootti malee, waan nami fedhu yookiin godhu irrattii moti. Barreeffam Woyyichi, marroo mooticha Fara'oonii yennaa dubbatu, “Maqaan kiyya biyya lafaa mara keessatti akka lallabamuu fi hunni tiyya si'iin akka mudhattuuf ani mootii si godhe” jedha. Maarre Waaqi nama fedhe marara, nama fedhelle mataa jabeessa. Isin keessaa nami tokko, “Yoo akkana teete, Waaqi attam dande'ee balleessaa nama irratti dhagga? Fedhii Waaqaa eentu mormuu dande'a?” anaan hin jedha fa'a. Namana! Waaqa woliin moromiisaaf ati eennu? Okkoteen faaraa nama isii dhoween, “Maaf akkana ana dhootte?” jedhuu dandeetti? Nami faara dhowu tokko, loobaa faaraa tokkochuma irraa, meya tokkocha ulfinnaaf, kaan woma te'eef akka te'u godhee dhowiisaaf baallii hin qabuu? Wonni Waaqi godhelle tanaan wol fakkaatti. Inni hunna ifii beessisiisaa fi mufii ifii mudhisiissaaf barbaade. Ammoo worra mufii isaa jala jiru, ka badi'iif qophaye san ciniinnatee ossate. Worra ulfinna ifiitiif dursee qopheesse, ka akka marartiin isaa irratti mudhattu itti dhangalaaseefille, ulfinna ifii guddaa mudhisuu barbaade. Worri inni waame nu fa'aayyu; inni worra Yihudootaa qofa keessaa adoo hin te'in, worra Yihudoota hin te'inille keessaa waameera. Inni kitaaba Hose'aa keessatti, “Worra kolbaa tiyya hin te'in, ‘Kolbaa tiyya’ jedhee hin waama; kolbaa hin jaallatannelle, ‘Jaallatantuu tiyya’ jedhee hin waama; adduma, ‘Isin kolbaa tiyyaa moti’ jedhamanetti, ‘Ijoollee Waaqa jiraata'aa’ jedhamanee hin waamaman” jedha. Isaayaasille marroo Israa'elii qoonqoo ol qabatee, “Laakkossi kolbaa Israa'elii akka maansa abbaayyaa guddoo qarqaraa yoo heddatelle, worruma diqqaa qofati fayya; Goottaan adoo hin turin ariifatee kolbaa biyya lafaa maratti hin mura” jedheera. Akkasuma Isaayaas duraan dursee, “Goottaan Hunnaamessi adoo sanyii garii nu'uuf hanburuu dhabe, sila akkuma qachooti Sodoomiitii fi Gomora'aa badane banneerra” jedheera. Yoona maan jennuu ree? Worri Yihudoota hin te'in, ka balchummaa hin hordofin, balchummaa dhaggate; balchummaan tun ammoo ta dhugeeffanna'aan dhaggantu. Israa'eliin Seera balchummaa fidu hordofaa turte ammoo, seera muummessiisa waan hin dande'iniif balchummaa bira hin geenne. Maaf bira hin geyin? Sababille isaan dhugeeffanna'aan adoo hin te'in, huji'iin balchummaa dhaggatiisaaf barbaadane. Isaan dhakaa gufachiisuun gufatane. Tun tama Barreeffam Woyyichi, “Kunoo, ani dhakaa kolbaa gufachiisu, rassaa isaan jissu Xiyoon keessa hin keya, ka itti dhugeeffatu ammoo hin qaanowu” jedhu. Obboleeyyan tiyya! Halchaan guddoon gadhaa kiyya keessa jirtuu fi daadimannaan ani gara Waaqaa daadimadhu akka kolbaan Israa'elii fayyitu. Isaan Waaqaaf akka ifi kennaneeranu ani dhugaa isaaniif baya; ammoo Waaqaaf ifi kenniis isaanii sun beekkunsa dhuga'aa irratti ka hundaayeeruu moti. Isaan karaa Waaqi kolbaa ittiin balchoonfatu wollaalanee, karaa ifiif baafatiisaaf wodhaanatane; karaa Waaqi kolbaa ittiin balchoonsutti harka hin kennanne. Nami Kiristoositti dhugeeffatu mara akka balchoomuuf, Seerri Kiristoosiin muummoyeera. Muuseen marroo balchummaa Seeraaf ajajamiisaan dhaggantuu, “Nami Seera muummessu mara jiru'uun le'a” jedhee barreesseera. Balchummaan dhugeeffanna'aan dhaggantu ammoo, “Gadhaa keeti keessatti, ‘Eentu ol-gubbaa baya?’ hin jedhin; sun, Kiristoos gad fidiisa. Yookiin, gadhaa keeti keessatti, ‘Eentu qile'etti gad bu'a?’ hin jedhin; sunille, Kiristoos du'a keessaa ol fidiisa” jetti. Ammoo maan jetti ree? “Jechi Waaqaa si bira, hidhii teeti irraa fi gadhaa keeti keessa jira” jetti. Sunille, jecha dhugeeffanna'aa ka nuuti lallannu. Yesuus Goottaa akka te'e, afaan keetiin yoo dhugaa baate, Waaqi du'a keessaa akka isa kaaselle, gadhaa keessatti yoo dhugeeffatte, ati hin fayyita. Nami gadhaa keessatti dhugeeffatee balchooma; afaaniin dhugaa bayee fayya. Barreeffam Woyyichi, “Nami isatti dhugeeffatu hin qaanowu” jedha. Worra Yihudootaatii fi Yihudoota hin te'in odduu garaagarummaan hin jirtu; Waaqi Goottaa nama maraa ti; worra isa waammatu maraaf eebba guddaa kenna. Sababille Barreeffam Woyyichi, “Nami maqaa Gootta'aa waammatu mara hin fayya” jedha. Ammoo yoo itti hin dhugeeffatin attam waammatuu dande'a? Marroo isaa adoo hin dhage'in attam itti dhugeeffatan ree? Adoo nami itti hin lallabin attamiin dhage'uu dande'an ree? Nami lallabu yoo ergame malee, attamiin lallabuu dande'a ree? Barreeffam Woyyichi, “Worri Oduu Gammadaa fidee dhufu, attam attam nama gammachiisa!” jedha. Ammoo worra garii malee marti isaanii Oduu Gammadaa hin fudhanne. Isaayaasinuu, “Gootta'a, eentu waan nuuti jenne dhugeeffate?” jedha. Maarre, dhugeeffannaan Oduu Gammadaa dhage'iisa irraa dhutti; Oduun Gammadaalle karaa jecha Kiristoosiitiin dhutti. Ani ammoo, isaan dhugumaan hin dhageennee? Jedhee gaafadha. Dhugumaan isaan dhage'aneeran; sababille Barreeffam Woyyichi, “Qoonqoon isaanii lafa maratti dhage'ante; dubbiin isaaniille haga qaccee biyya lafaa dhaqqadde” jedha. Ani ammalle, kolbaan Israa'elii hin hubannee? Jedhee gaafadha. Duraan dursee Muuseen, “Kolbaa tuffatante hinaassisee, isin gaabbisiisa; kolbaa gowwitti'illeen isin aarsa” jedheera. Isaayaasille, “Ani worra ana hin barbaadiniif dhaggameera; worra ‘Waaqi eessa jira’ jedhee ana hin gaafatiniifille mudhadheera” jedhee sodaa maalee dubbateera. Marroo Israa'elii ammoo, “Kolbaa finqiltu'uu fi ta hin ajajanneef, ani harka kiyya guyyaa guutuu badhiseera” jedha. Ani hin gaafadha: Waaqi kolbaa ifii gateeraa ree? Ijjumaa hin ganne! Aninuu nama Israa'elii ti; sanyii Abrahaamii keessaa gosa Beniyaamii ti. Waaqi kolbaa dursee fooyate hin ganne. Marroo Eliyaasii, Israa'eliin mormee Waaqa itti kadhatee, waan Barreeffam Woyyichi jedhu, isin hin beettanuu? Inni, “Gootta'a! Isaan raagota teeti ijjeesaneeran, addee ciinca'aa keeti diiganeeran; ana qofatti hafe; lubbuu tiyyalle barbaadiisatti jiran” jedha. Deebiin Waaqi isaaf kenne ta maan jettu? “Ani namoota waaqa dharaa ka Ba'aali jedhamuuf hin jilbiiffanne kuma torba ifiif hamburadheera” ta jettu. Bara ammaa kanalle akkasuma baraareen Waaqi badhaadha ifiitiin fooyate hin jirti. Fooyati isaa waan isaan hujaneeranu irratti adoo hin te'in, badhaadha isaa irratti hundaya. Yoo fooyati Waaqaa waan kolbaan hujju irratti hundaye, badhaadhi isaa badhaadha dhuga'aa te'uu hin dande'u. Maan te'ina ree? Kolbaan Israa'elii waan barbaaddu hin dhagganne. Worri dhaggatane worra diqqaa Waaqi fooyate qofaayyu; worri kuun waamicha Waaqaatiif gurra duudane. Tunille tama Barreeffam Woyyichi, “Waaqi qalbi'ii fi gadhaa isaanii dilleesse; haga adhaalle ilaan hin dhagganu; gurralle'een hin dhage'anu” jedhu. Daawwitille, “Qoriin isaanii tiyyoo qadduu fi gufuu itti teetee isaan farrisiittu; akka hin dhaggine ilti isaanii dukkanoottu; goorri isaaniille yenna mara rakko'oon gad gogu” jedhu. Ammalle ani hin gaafadha: Yihudooti yennaa gufatane, akka jiganee hafanuuf ree? Ijjumaa waawwo'o; sababa Yihudooti Seera cassaneef worri Yihudoota hin te'in fayyinna dhaggate; worra Yihudoota hin te'in irratti akka Yihudooti hinaafanuuf tun teete. Seera cassiisi Yihudootaa biyya lafaatiif eebba guddaa yoo te'e, jinnanni isaaniille worra Yihudoota hin te'iniif durummaa yoo te'e, adoo Yihudooti fayyanee fa'a eebba caalu attamiititti te'a ree! Ani amma isin worra Yihudoota hin te'initti dubbadha: ani ergamaa worra Yihudoota hin te'inii akkuma te'etti, hujii tiyyatti hin boona. Gosa tiyya hinaassisee, isii keessaa gariin akka fayyitu godhiisaaf tana godha. Yennaa Waaqi isaan gate, eega kolbaan biyya lafaa ta dhibiin Waaqa woliin araarante, yennaa Waaqi isaan fudhatu maanti te'inna laati? Tun qixxee du'aa ka'iisaa ti! Bukoo takkaa irraa diqqoon isi'ii mataa godhantee, Waaqaaf kennante yoo woyyoonte, bukoon duudiinuu woyyuu teeti; akkasuma hiddi muka tokkoolle Waaqaaf kennamee yoo woyyoome, dameeleelle woyyuu hin teeti. Dameeleen ejersa ficha'atti dhaabamee yoo caccadde, dameelee ejersa badda'aa itti qabachiisan. Isin worri Yihudoota hin te'in akka ejersa bada'aa san, eebba isaanii worra qoodamu yoo teetane, Yihudoota akka dameele'ee caccabane san irratti hin koorina'a. Yoo koortane ammoo isin dameelee qofa waan teetaneef, hiddi isin ba'ata malee, isin hidda ba'atuu akka hin dandeenne qaabbadha'a. Ati ammoo, “Akka ani addee isi'ii bu'ee itti qabadhuuf dameeleen sun caccadde” hin jetta fa'a. Sun dhuga'a. Isaan waan dhugeeffatiisa dhabaneef caccabane, ati ammoo waan dhugeeffatteef jabaattee dhaabbatte. Maarre sodaadha'a malee, hin koorina'a. Waaqi Yihudoota dameelee dadante te'ane yoo adde'etti hin lakkisin, adde'etti si lakkisa jettee yaadattaa? Asitti Waaqi attam akka gadhaa laafuu fi attam akka gadha jabaatu dhaggina. Inni worra jiganetti gadhaa jabaata, ati gadhi laafummaa isaatiin ka jabaattee jiraattu yoo teete si'iif ammoo gadhaa laafa. Ammoo ati yoo gadhi laafummaa isaatiin jabaattee hin jiraatin, atille irraa hin caccadda. Yihudootille yoo dhugeeffatiisa dhaba isaanii lakkisane, isaan addee dur jiranutti hin deebi'an; sababille Waaqi san godhiisaaf dande'a. Isin worri Yihudoota hin te'in, ka dameelee ejersa badda'aa ta caccadde teetane, ejersaa ficha'atti dhabametti qassiifamuu yoo dandeettane, Yihudooti dadamaan dameelee ejersa ficha'a te'ane, addee ifii duriitti deebi'ane attam qassiifamuu dadhaban ree! Obboleeyyan tiyya! Dhugaan dhossa'aa ta akka isin beettanuuf ani barbaadu takkatti jira; isiin, nuuti qaroole'e jettanee yaadiisa irraa isin eeddi. Mataa jabeenni kolbaa Israa'elii akkanumatti hin turu; ammoo worri Yihudoota hin te'in mara gara Waaqaa haga dhufanu qofa tura. Maarre kolbaan Israa'elii marti hin fayyiti. Barreeffam Woyyichi, “Fayyisaan Xiyoon irraa hin dhufa, hammeenna sanyii Yaaqoobii irraa hin balleessa. Ani yenna cubbuu isaanii isaan irraa fuudhu, gondooroo tana isaan woliin gondooradha” jedha. Yihudooti Oduu Gammadaa waan hin fudhatiniif, bu'aa teessaniif jedhanee diinota Waaqaa te'aneeran. Karaa filanno'ootiin ammoo, sababa abbootii isaaniitiif jaalota Waaqaa ti. Kennansaa fi waamichi Waaqaa hin jijjiiramu. Isin worri Yihudoota hin te'in kanaan dura worra Waaqaaf hin ajajanne; amma ammoo worri Yihudootaa waan ajajamuu didaneef isin marartii Waaqaa dhaggattane. Akkuma isin marartii dhaggattane, isaaniille marartii dhaggatiisaaf, amma ka Waaqaaf hin ajajanne te'aneeran. Waaqi nama maraaf marartii mudhisiisaaf jedhee, ajajamuu diduu jalatti kolbaan mara ta hidhante akka teetu godhe. Durummaan Waaqaa attam attam guddo'o! Beekkumaa fi qarummaan isaa attam attam gad fagaatti! Muraa isaa qorqoriisa eentu dande'a? Karaa isaa eentu hubatiisa dande'a? Barreeffam Woyyichi, “Yaada Gootta'aa eentu beeka? Yookiin eentu gorsa isaaf kennu'uu dande'a ree? Yookiin akka inni deebisee isaaf kennuuf, eentu kennansa Waaqaaf kenneera ree?” jedha. Sababille wonni maraa isaan dadamee, karaa isaatii fi isaaf jiraata. Ulfinni haga bara baraa isaaf te'u! Ameen! Maarre obboleeyyan tiyya! Namummaa keessan, ciincaa Waaqa gammachisu, jiraata'aa fi woyyicha gootanee akka dhikeessitanu, marartii Waaqaatiin isin kadhadha; waaqeffannaan dhugittiin isii tana. Fedhiin Waaqaa dansitti'ii fi ta isa gammachiitu, ta mijuu teete beekiisa akka dandeettanu, qalbii teessan haaressiisaan jiruun teessan jijjiirantuuti malee, biyya lafaa tana hin fakkaatina'a. Akkasuma isin martinuu qixxee Waaqi dhugeeffannaa isinii kenneetitti ifi gad qabiisaan yaadadha'a malee, haga isinii malteen irra ifi jajiisaan marroo teessaniif hin yaadatina'a jedhee, badhaadha naa kennameen isinii hima. Nuuti nafa keenna tokkocha irratti mitikaa hedduu qanna; mitikaan kun martinuu hujii adda addaa qaba. Marre nuutille, adoo hedduu teenee jirruu, Kiristoosiin nafa tokkocha; mitikoota nafa tokkochaa akkuma teenetti wol qabanneerra. Akka Badhaadha Waaqi nuuf kenneetitti nuuti kennansa gara garaa qanna. Kennansi keenna raaga raaguu yoo te'e, qixxee dhugeeffannaa qannuutitti raannuu ti; kennansi keenna worra dhibii tajaajiluu yoo te'e, jabaannee tajaajjiluu ti; kennansi keenna barsiisiisa yoo te'e, akka maltetti barsiinnuu ti; kennansi keenna gorsiisa yoo te'e, gorsinuu ti; kennansi keenna arjoomuu yoo te'e, gadha'aan arjoonnuu ti; kennansi keenna bulchiisa yoo te'e, jabaannee bulchinuu ti; kennansi keenna mararuu yoo te'e, gammadaan mararruu ti; Jaalalli keessan dhugaameessa te'uu ti. Waan hantuu jibba'a; waan dansaa jabeessa'aa qabadha'a; Akka obboleeyyanii o'isa'aatii wol jaalladha'a; ulfinna woliif kenniisaaf wol doggoma'a. Jabaadha'aa huja'a malee, gadhee hin te'ina'a. Ayyaana finiineen Goottaa tajaajila'a. Addii qaddanuun gammada'a; rakkinna ossadha'a; yennaa mara daadimadha'a. Kolbaan Waaqaa wo dhaddee yenna rakkatu waan qaddanu isaan woliin qoodama'a; keessummoota fudhadha'a. Worra isin miidhu eebbisa'a; eebbisa'a malee hin abaarina'a. Worra gammadu woliin gammada'a; worra booyu woliin booya'a. Yaada tokkoon wolii gala'aatii le'a; ifi ol qabiisa lakkisa'aatii worra gadee woliin le'a; nuuti beekkole'e jedhaa ifi hin saadina'a. Fuula nama maraa duratti waan dansaa godha'a malee, yenna namooti hantuu isin irratti hujanu, isinille deebittanee hantuu itti hin hujina'a. Yoo dande'ame nama maraa woliin nageyaan le'iisaaf, gama keessaniin waan dande'amu mara godha'a. Jaalota tiyya! Mufiin Waaqaa haluu baatuuti malee, isin ijjumaa haluu hin bayina'a. Barreeffam Woyyichi, “Ka haluu bawuu fi ka gatii halu'uu kaffalu ana jedha Goottaan Waaqi” jedha. Addee haluu baatu, akkuma Barreeffam Woyyichi, “Diinni keeti yoo beelote, nyaachis, yoo dheebote obaas; Yoo akkas goote qaani'iin akka gubatu goota” jedhu tolchi. Hantuu dansa'aan injifadhu malee, hantuun si hin injifatin. Nami marti worra baallii qabuuf ajajamuu qaba! Sababille baalliin fedha Waaqaatin malee, hin kennantu; worri amma baallii qabulle Waaqaan muudame. Tanaaf nami worra baallii qabu mormu, waan Waaqi ajaje morma; nami mormulle muraa ifi irratti fida. Worra waan hantuu huju malee, worri waan dansaa huju bulchitoota hin sodaatanu. Ati worra baallii qabu akka hin sodaanne barbaaddaa? Waan dansaa huji; galatalle isaan irraa hin dhaggatta. Worri baallii qabu tajaajiltoota Waaqaa ka waan dansaa si'iif godhanu. Ammoo yoo waan hantuu hujje, isaan sodaadhu; sababille isaan worra toluma goraadee hidhateeruu moti. Isaan tajaajiltoota Waaqaa, ka mufii Waaqaa mudhisiisaaf, worra hantuu huju adabanu. Tanaaf nami adabbii Waaqaa qofaaf adoo hin te'in, sababa wodana'aatiif jedhee worra baallii qabuuf ajajamuu qaba. Isin tanaaf gibiralle gabbartan; worri baallii qabulle yennaa waan kana hujii irra oolchu Waaqaaf hujiisatti jira. Waan isaan isin irraa dhaggachu'uuf malane, kenna'aaf; ka gibirri maleef gibira, ka qaraxi maleef qaraxa, ka sodaan malteef sodaa, ka ulfinni maleef ulfinna kenna'a. Beenyaa eennuulle hin qabaatina'a; beenyaan isin qabaatuu qaddanu wol jaalatiisa qofa te'uu ti; nami nama jaallatu Seera muummesseera. Ajajooti, “Hin gaarayyeeffatin; hin ijjeesin; hin hatin; hin kajeelin” jedhanuu fi ka dhibiin martinuu, ajaja, “Akka ifi jaallattu nama jaalladhu” jedhuun wolitti qabameera. Nami nama jaallatu, waan hantuu isa irratti ijjumaa hin godhu; tanaaf, nama jaalallachuun Seera guutu'u. Yennaan isin hirriibaa dammaxxanu akka geetteertu waan beettanuuf, tana godhuu qaddan. Sababille yennaa itti dhugeeffanne caalaa guyyaan itti fayyinu amma gara keenna dhikaateera. Halkan dabariisa geyeera; guyyaalle dhikaateera. Tanaaf kowa'a hujii dukkanaa lakkinnee, meya woraanaa ka ifaa uffanna. Akka kolbaa ifa guyya'aa keessa leetuutitti, amala keenna miidhaffannuu ti malee, quufanee ficiqqisu'uun yookiin machi'iin, sagaagalaan yookiin fariisa'aan, lolaan yookiin hinaaffa'aan hin te'in. Goottaa Yesuus Kiristoos akka woya'aa uffadha'a malee, halchaa foonii guutatiisaaf hin yaadatina'a. Nama dhugeeffanna'aan dadhabeeru ifitti qabadha'a malee, yaada isaa irratti isa woliin hin mormina'a. Nami gariin dhugeeffannaa waan mara nyaachittu qaba; nami dhugeeffa'aan dadhaba'aa ammoo waan ficha'atti dhaabamu qofa nyaata. Nami waan mara nyaatu ka hin nyaanne hin tuffatin; ka waan ficha'atti dhaabamu qofa nyaatu ka waan mara nyaatu irratti hin murin; sababille Waaqi isalle ifitti qabateera. Ati ka tajaajilaa nama dhibi'ii irratti murtu eennu? Inni yoo dhaabbate, yookiin yoo jige ka murteessu Goottaa isaa ti. Waan Goottaan isa dhaabbachiisuu dande'uuf, inni hin dhaabbata. Nami tokko guyyaan tokko guyyoota kaan caala jedhee yaada; kuun guyyooti martinuu wol qixxe'e jedhee yaada. Waan akkasii irratti namuu waan qalbiin isaa fudhatte godhuu ti. Nami guyyaan tokko guyyoota kaan caala jedhee yaadu ulfinna Gootta'aatiif jedhee tana godha. Nami waan mara nyaatulle, sababa sagale'eetiif waan Waaqa galateeffatuuf, ulfinna Gootta'aatiif nyaata. Ka waan tokko tokko nyaatiisa didu, ulfinna Waaqaatiif dida. Innille Waaqa galateeffata. Nuuti ifiif hin jiraannu; ifiifille hin duunu. Yoo jiraanne, Gootta'aaf jiraanna; yoo duunelle, Gootta'aaf duuna; tanaaf, duunulle yookiin jiraannulle, nuuti ka Gootta'aa ti. Tanaaf Kiristoos Goottaa worra du'eetii fi worra jiruu te'iisaaf, du'ee deebi'ee ka'e. Ati maaf obboleessa keetitti murta ree? Maaf obboleessa keeti tuffatta ree? Nuuti martinuu barcumaa muraa Waaqaa dura hin dhaabbanna. Sababille Barreeffam Woyyichi, “Dhugumaan Ani Waaqa jiraata'a! Nami marti ana duratti hin jilbiiffata; arrabi martinuu akka ani Waaqa te'e dhugaa baasee hin dubbata’ jedha Goottaan” jedha. Maarre tokko tokkoon keenna waan gooneef Waaqaaf deebii hin kennina. Maarre wol wolitti muriisa lakkinnuu ti. Addee san waan worra dhibii gufachiisu yookiin cubbu'utti jissu tokkolle ijjumaa akka hin hunye murteeffadha'a. Ani karaa Goottaa Yesuusiitiin te'ee sagaleen takkaalle ifii isi'iitiin battii akka hin te'in beekeera; ati ammoo sagaleen gariin akka battitti'iititti yoo dhugeeffatte, isiin battii si'iif teeti. Waan nyaattuun obboleessa keeti ka miitu yoo teete, ati nama jaalalaan le'uu moti. Sagaleen ati nyaattu nama Kiristoos du'eef sababa badi'ii akka teetu hin godhin. Waan isin akka waan dansa'aatitti herreddanu maqaan badaan itti hin kennamin. Mootummaan Waaqaa mootummaa balchumma'aa, nageyaatii fi gammada Ayyaanni Woyyichi kennuu ti malee, mootummaa nyaataatii fi uniisaatii moti. Nami akka kanaan Kiristoos tajaajilu, Waaqa gammachiisa, namoota biralle'etti fudhatama dhaggata. Maarre kowa'a waan nageya buusuu fi tokkummaa ijaaru hordofanna. Sagale'eef jettee, hujii Waaqaa hin diigin. Sagaleen martinuu hin nyaatanti, ammoo waan ati nyaatuun worri dhibiin gufachuun dokonkora. Foon nyaatuu yookiin daadhii woyni'ii unuu yookiin waan obboleessa keeti gufachiisu hujiisa dhabuun dansa'a. Marroo waan kanaa dhugeeffannaa qaddu, ifii fi Waaqa oddu'utti eegadhu. Nami waan wonni kun sirri'i jedhee itti dhugeessu yennaa godhu wodanaan isaa isa hin komanne ka badhaadhe. Ammoo yoo isaan marroo waan nyaatanuu mama qabaatane, hujiin isaanii dhugeeffanna'aan waan hin te'iniif, yennaa nyaatane Waaqi isaanitti mura. Wonni dhugeeffanna'aan hin te'in maraa cubbu'u. Nuuti worri dhugeeffanna'aan jajjaba teene, ba'aa worra dadhaboole'ee ba'atuu qanna malee, ifi gammachiisuu hin qannu. Tokko tokkoon keenna akka nami dhibiin dhugeeffannaa ifiitiin jabaatu, dansaa isaatiif isa gammachiisuu qanna. Kiristoos ifi hin gammachiinne; ammoo, akkumma Barreeffam Woyyichi, “Arraba ittiin si arrassanetti ana dhaqqabe” jedhutti isa irratti muummaye. Ossaa fi jajjabeenna Barreeffam Woyyichi nuuf kennuun addii akka qabaannu, wonni Barreeffama Woyyicha keessatti barreeffamane marti nu barsiisu'uuf barreeffante. Waaqi, ossaa fi jajjabeenna namaaf kennu, yaada tokko qabaattanee, fakkeenna Yesuus Kiristoosii hordottanee, addee tokko qoonqoo takka'aan, Waaqa Abbaa Yesuus Kiristoosii akka leellifattanu isin dandeessisu. Akkuma Kiristoos isin fudhate, isinille ulfinna Waaqaatiif wol fudhadha'a. Waadaan Waaqi abbootii isaaniitii gale akka muummawuu fi Waaqi addatamaa akka te'e mudhisiisaaf, Kiristoos tajaajilaa Yihudootaa akka te'e, ani isinitti hima. Akkasuma worri Yihudoota hin te'inille marartii isaatiif, Waaqa akka leellisuuf tajaajilaa isaanii te'e; kunille kama Barreeffam Woyyichi, “Tanaaf ani worra Yihudoota hin te'in oddu'utti si hin leellisa; maqaa keetiifille faaruu hin faarfadha” jedhu. Ammalle Barreeffam Woyyichi, “Isin worri worra Yihudootaa hin te'in, kolbaa isaa woliin gammada'a” jedha. Ammalle, “Worri Yihudoota hin te'in marti, Goottaa galateeffadha'a; kolbaan marti, isa galateeffadha'a!” jedha. Akkasuma Isaayaasille, “Ka sanyii Iseyii keessaa dhalatu hin dhufa; inni worra Yihudoota hin te'in bulchiisaaf hin ka'a; isaanille isa hin addatan” jedha. Addiin teessan hunna Ayyaana Woyyichaatiin ittuma akka guddattu, Waaqi addii namaaf kennu, isatti dhugeeffachuu keessaniin, gammadaa fi nageya maraan isin guutuu ti. Obboleeyyan tiyya! Dansa'aan akka guutantaneertanu, beekkunsa maraayyuu akka qaddanuu fi wol barsiisuu akka dandeettanu, mama tokko malee aninuu hubadheera. Badhaadhi Waaqaa waan anaaf kenneef, marroo waan tokko tokkoo isin yaadachiisu'uuf sodaa malee isinii barreesseera. Badhaadhi kunille, akka ani Oduu Gammadaa, ta Waaqaa, worra Yihudoota hin te'iniif lallabiisaan akka hayyichaa te'ee, Yesuus Kiristoos tajaajiluuf naa kenname. Tanaaf worri Yihudoota hin te'in ka Ayyaana Woyyichaan woyyoomee fi kennaa Waaqa gammachiisu te'ee akka dhikaatu tajaajila. Karaa Kiristoos Yesuusiitiin Waaqa tajaajiliisa kiyyaan ani hin boona. Worri Yihudoota hin te'in dubbi'ii fi hujii tiyyaan akka Waaqaaf ajajamanu, waan Kiristoos karaa kiyyaan godhe qofa malee waan tokkolle dubbatiisaaf ani ila hin jabaadhu. Akkasuma hunna bilbaasotaatii fi baasotaatiin, hunna Ayyaana Waaqaatille'een, Yerusaalemii jalqabee haga Iliiriqumiititti, Oduu Gammadaa ta Kiristoosii guutuma guutu'utti lallabeera. Halchaan tiyya ta yennaa maraa hundee nami dhibiin buuse irratti ijaaruu adoo hin te'in, addee Kiristoos hin dhage'amin maratti Oduu Gammadaa lallabiisa. Ammoo, tun tama, “Worri marroo isaa isaanitti hin himamin hin dhaggan; worri hin dhage'in hin hubatan” jedhantee barreeffante. Sababa kanaaf ani yennaa hedduu isin bira dhufiisa dhooggame. Amma ammoo adaala kana keessaa hujii tiyya waan fixadheeruu fi dhufee isin ilaaliisaafille woggaa hedduu dharra'aa waan tureeruuf, yennaa gara Isphaaniyaa dhaqu goree isin ilaaliisaaf karoorfadheera. Yennaa diqqoo isin dhaggiisaan gammadeen duuba, akka ani ittiin achi dhaquuf qarqaarsa akka anaa gotanu hin addadha. Ammaa tana ammoo, kolbaa Waaqaa ta achi jirtu tajaajiliisaaf ani gara Yerusaalemii deemiisatti jira. Wolde'i kiristaanaa ka Maqedooniya'aatii fi Akaayya'aa, hiyyeeyyii Yerusaalem keessatti kolbaa Waaqaa odduu jirtuuf, qarqaarsa kenniisaaf murteeffataneeran. Murteen tama isaanii ti; ammoo dhuguma isaan, isaan qarqaaruu qaban; eega Yihudooti eebba Ayyaana Waaqaa irraa dhaggatane worra Yihudoota hin te'in woliin qoodamane, worri Yihudoota hin te'inille eebba jiruu fooniitiin dhaggataneen Yihudoota qarqaaruu qaban. Maarre, ani yennaa hujii tana fixe, beesee isaaniif wolitti qabante maraayyuu isaanii kenneen duuba, Isphaaniyaa dhaqaara; yennaa achi dhaqu goree isin ilaala. Yennaa gara keessan dhufu, eebbaa Kiristoosii guutumaa guutu'utti fidee akka dhufu ani hin beeka. Obboleeyyan tiyya! Gootta keenna Yesuus Kiristooniin, jaalala Ayyaanni Woyyichi nuu kennelle'een, ana woliin itti cittanee akka anaaf daadimattanu isin maganniffadha. Akka ani miidhaa worra hin dhugeeffannee, ka Yihudaa keessaa irraa fayyuu fi tajaajilli kiyya Yerusaalem keessatti kolbaa Waaqaa ta achiitiif fudhatamaa akka te'u daadimadha'a. Maarre anille fedhii Waaqaa yoo teete, gammadaan gara keessan dhufee, isin dhaggee isin woliin hin haareeffama. Waaqi, maddi nageya keennaa, isin mara woliin jiraatu. Ameen. Obboleettii teenna Feebeen, ta wolde'a kiristaanaa ka Kanchire'aa keessa tajaajiltu, nama dansaa akka teete akka beettanu barbaada. Akkuma kolbaa Waaqaatiif maltetti, maqaa Gootta'aatiin isii fudhadha'a! Isiin kolbaa heddu'uu fi analle waan qarqaarteertuuf, qarqaarsa isiin isin irraa barbaaddu maraayyuu isi'iif kenna'a. Worra hujii Kiristoos Yesuusii ana woliin huje, Phirisqila'aa fi Aqiila'atti nageya anaaf hima'a. Isaan jireenna isaanii anaaf kennaneeran. Ani isaan galateeffadha; ana calla'aa motii wolde'i kiristaanaa ka worra Yihudoota hin te'inille martinuu isaan galateeffatan. Wolde'a mana isaanii keessatti wolitti qabamulle'etti nageya anaaf hima'a. Jaala kiyya jaallatamaa, biyya Asiya'aa keessaa dursee Kiristoositti dhugeeffate Ephanexositti nageya anaaf hima'a. Maariyaamii isiniif jabeennaan hujjetti, nageya naa hima'a. Yihudoota ana woliin hidhamanee turane Andironikosii fi Yuniyaasitti nageya anaaf hima'a; isaan ergantoota oddu'utti worra beekkamee fi worra anaan dura kiristaana te'eeru. Jaala kiyya jaallatamaa Gootta'aan jaalladhu, Aphiliiyaaxositti nageya anaaf hima'a. Jaala kiyya jaallatamaa Isxaakisii fi Urbaanosii karaa Kiristoosiitiin nu woliin hujutti nageya anaaf hima'a. Aphelesii Kiristoositti dhugeeffatiis isaa mirkaneeffametti nageya anaaf hma'a. Worra maatii Arisxobulosii te'elle'etti nageya anaaf hima'a. Herodiyoonii akkuma kiyya Yihudii te'etti nageya anaaf hima'a. Worra maatii Naarkisosii keessaa kiristaana te'etti nageya anaaf hima'a. Worra tajaajila hujii Gootta'aa huju, Tiriifeenee fi Tiriiphaase'etti nageya anaaf hima'a. Hujii Gootta'aa guddoo ta hujje, jaallatanttuu jaala tiyya Pharsiisille'etti nageya anaaf hima'a. Rufoosii hujii Gootta'aatii filamee fi haadha isaa, ta yennaa mara akka ilmaatitti ana ilaaltetti nageya anaaf hima'a. Asinkiriixositti, Filegoonitti, Hermeesitti, Phaaxrobaasitti, Hermaasii fi kiristaanota dhibii isaan woliin jiranu maratti negeya anaaf hima'a. Filogosii fi Yuliya'atti, Neryoosii fi obboleettii isaatitti, Olimphaasii fi kolbaa Waaqaa worra isaan woliin jiranu maratti nageya anaaf hima'a. Sunqaa obbolumma'aatiin nageya wol fuudha'a. Wolde'ooti Kiristoosii marti nageya isinii dhaaman. Obboleeyyan tiyya! Worra barnoota isin fudhattaneen mormiisaan, dhugeeffannaa kolba'aalle garagalchuu fi sababa gargar qoqodamiisaa te'u irraa akka ifi eegattanu isin gorsa. Isaan irraa fagaadha'a! Worri waan akkasii godhu kun halchaa nyaata ifiitiif malee, Kiristoosii Goottaa keennaaf hin hujanu. Dubbii ifii damma dibiisaa fi sosobiisaan kolbaa gadhaa babadhattu gowwooffatan. Nami marti Wongeelaaf ajajamuu keessan dhage'eera; sababa kanaafille ani marroo teessaniif hin gammada. Marroo waan dansa'aatiif qaroo, marroo waan hantu'uutiif ammoo gowwoolee akka teetanu ani barbaada. Maddi nageya keennaa, Waaqille, dafee Seexana miila keessan jalatti hin butucha. Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu. Ana woliin ka huju, Ximootewoos akkasuma Yihudooti akka kiyyaa Luukiyoos, Yaasoonii fi Soosiiphaaxroos nageya isiniif dhaaman. Ani Xirxiwoosiin Pawuloos himaaruun xalayaa kana barreesse, Gootta'aan te'ee nageya isiniif dhaama. Keessummeessaan kiyya Gaayoos, ka mana isaa keessatti wolde'i kiristaana wolitti qabamu, negeya isiniif dhaama. Qabataan beessee qacha'aa, Eraasxoos fi obboleessi keenna Ku'arxoos, nageya isiniif dhaaman. Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin mara woliin jiraatu Ulfinna Waaqaaf kenninuu ti! Akka Wongeela ani marroo Yesuus Kiristoosii lallabeetitti, akka mudhachuu dhossaa dhugittii bara duriitii jalqaddee hin mudhatin turtelle'etti, inni dhugeeffanna teessaniin akka isin jabaattanee dhaabbattanu godhuu dande'a. Te'uu male, amma, karaa kitaaba raagoti barreessaneen dhossaan tun ifatti baateerti; martinuu dhugeeffatee akka ajajamu, ajaja Waaqa bara baraatiin kolbaa maratti akka beekkamu godhameera. Karaa Yesuus Kiristoosiitiin, Waaqa qofuu qarichaaf, bara baraan ulfinni te'u. Ana Phawuloosii fedha Waaqaatiin ergamaa Yesuus Kiristoosii akka te'uuf waamamee fi obboleessa keenna Sostenees irraa, wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa ka qachaa Qorontoosii keessa jiruuf, worra Yesuus Kiristoosiin woyyoontanee fi ka isaa te'iisaaf waamantane, akkasuma isaanii fi nu'uuf Goottaa ka te'e, worra maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii addee gara garaatitti waammattanu maraaf: Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya isiniif kennu. Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin badhaadha ifii waan isinii kenneef ani yennaa maraa isa galateefadha. Isin Kiristoosiin waan maraan waan dubbattanuu fi beekkunsaan duroontaneertan. Wonni nuuti marroo Kiristoosiitiif dhugaa baane, isin biratti hidda horattee jabaatteerti. Tanaaf mudhatiisa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii adoo eeggattanuu, Kennansi Ayyaanaa tokkolle isin irraa hin dhidhanne. Haga guyya dhufa Gootta keenna Yesuus Kiristoosititti worra komii hin qanne teetanee akka jiraattanu, inni jabaattanee akka jiraattanu isin tolcha. Ilma isaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoos woliin, tokkummaa akka qabaattanu ka isin waame Waaqi addatama'a. Obboleeyyan tiyya, gargar bayiis odduu teessanitti hin jiraatin; isin duudiin waan dubbattanutti akka wolii galtanu, yaadaa fi akeettii takka'aan jabaattanee akka leetanu maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin gorsa. Obboleeyyan tiyya, wol dhabi odduu teessanitti akka jiru, maatiin Kilo'ee anatti himaneeran. Kunille isin tokkoon tokkoon keessan, “Ani ka Phawuloosii ti”; ka dhibiin, “Ani ka Apholoosii ti”; kuun, “Ani ka Pheexroosii ti”; ka biraa, “Ani ka Kiristoosii ti” jettan. Kiristoos gargar qoodameeraa ree? Fannoo irratti isiniif ka du'e Phawuloosii? Yookin isin maqaa Pawuloosiitiin cuuphantanee? Kiriisphosii fi Gaayos malee, isin keessaa nama tokkolle waan hin cuuphiniif ani Waaqa galateeffadha. Tanaaf nami tokkolle, “Maqaa Phawuloosiitiin cuuphantaneertan” jedhiisa hin dande'u. Ee, ani Isxifaanosii fi maatii isaalle cuupheera; kana malee nama dhibii ka cuupheeru hin qaabadhu. Kiristoos akka ani Oduu Gammadaa lallabuuf ana erge malee, akka cuuphuuf ana hin ergine. Fannifamuun Kiristoosii akka hunna hin dhanne, Oduu Gammaddaa ka lallabaaru qarummaa namaatiinii moti. Ergaan fannifamuu Kiristoosii worra baduuf gowwumma'a; nu worra fayyuuf ammoo hunnna Waaqaa ti. Barreeffama Woyyicha keessatti, “Ani qarummaa worra qaroole'ee hin balleessa; beekkunsa beekkole'eelle gatii hin dhoogga” jedha. Maarre qaroon meeti? Beekaan guddaan hore eessa jira? Ka waan lafa tanaa qorqoru hore meeti? Waaqi qarummaa lafa tanaa gowwummaa tolchee hin jiruu? Waaqi akka worri lafa tanaa qarummaa ifiitiin isa hin beennne waan godheef, barsiisa akka gowwummaatti laakkowamu ka nuuti lallannu worra dhugeeffattu fayyisiisaaf fedhi Waaqa te'eera. Yihudooti bilbaasa dhagguu fedhan, Giriikootille qarummaa barbaadan. Nuuti ammoo Kiristoosii fannifame lallanna. Kun Yihudootaaf gufu'uu, worra Yihudoota hin te'iniifille gowwumma'a. Ammoo worra Waaqi waame, worra Yihudootaatii fi worra Giriikootaatiif Kiristoos hunna Waaqaatii fi qarummaa Waaqaa ti. Wonni gowwummaa Waaqaa fakkaattu qarummaa namaa hin caalti; wonni dadhabbii Waaqaa fakkaattulle hunna nama hin caalti. Obboleeyyan tiyya, yennaa Waaqi isin waame nama attamii akka teetane qaabadha'a. Akka yaada namaatti isin keessaa worri hedduun qaroolee, yookiin jajjaba, yookiin worra gugurda'aa moti. Waaqi ammoo qaroolee qaanessu'uuf, worra biyya lafaatitti akka gowwoole'ee laakkowamanu foyate; worra jajjaba qaanessu'uuf worra biyya lafaatitti akka dadhaboole'ee laakkowamanu foyate. Waaqi, waan worra biyya lafaa biratti barbaachisa'a jedhamee ilallamu akka hin jire godhiisaaf, waan biyya lafaatitti gadi qabamee fi tuffatamee, woyittu hin laakkowanne foyate. Eennulle fuula Waaqaa duratti akka ifi hin jajneef inni tana godhe. Isin ammoo Waaqi akka Kiristoos woliin tokkummaa qabaattanu godhe. Tanaaf Waaqi, akka Yesuus Kiristoos qarummaa teenna, balchummaa teenna, woyyumma'aa fi wodoo keenna te'u godhe. Maarre Barreeffam Woyyichi, “Ka ifi jaju Gootta'aan ifi jajuu ti” jedha. Obboleeyyan tiyya, ani yennaa gara keessan dhufe jechoota guguurda'aa fi qarumma'aan dhossaa Waaqaa isinitti hin lallanne. Ani haga isin bira ture Yesuus Kiristoosii fannoo irratti fannifame malee, waan dhibii waan tokkolle beekuu dhabiisaaf murteeffadheera. Ani dadhabaa te'ee, soda'aan akka malee rorommaa gara keessan dhufe. Haasonni kiyyaa fi lallabi kiyya ayyaanaa fi hunna Waaqaa mudhisiisaan malee, jechoota qarummaa namatiinii moti. Dhugeeffannaan teessan qarummaa nama irratti adoo hin te'in hunnna Waaqaa irratti ta hundootte akka teetuuf ani tana godhe. Teetuu malee worra ayyaanaan bilchaateef jecha qarumma'aatiin barsiinna. Qarummaan tun ammoo ta biyya lafaa yookiin muummee irratti ta badu qarummaa bulchitoota lafa tanaatii moti. Nuuti ammoo biyyi lafaa adoo hin dadamin duratti ulfinna keennaaf qarummaa Waaqi qopheessee fi dhossaa isi'ii ta dhokattee turte dubbanna. Bulchitoota biyya lafa tana keessaa qarummaa tana ka beeke tokkolle hin jiru. adoo beekanee jiraatane, Goottaa ulfinnaa hin fannisanuuyyu. Teetuu malee Barreeffam Woyyichi, “Waan ilti namaa hin dhaggin, “Waan gurri namaa hin dhage'iin, Waan gadhaan namaa hin yaadatin Waaqi worra isa jaalatanuuf qopheesera” jedha. Waaqi ammoo karaa ayyaana ifiitiin dhossaa ifii nutti mudhiseera. Ayyaanni Waaqaa waan duudii, dhossaa Waaqaa ta gadi fago'ootuu hin qorqora. Waan nama tokko keessa jiru mara ayyaanuma nama san keessa jiruttuu beeka malee, nami dhibiin hin beeku. Akkasuma ayyaana Waaqaa malee, marroo Waaqaa ka beeku eennulle hin jiru. Waan Waaqa irraa nuu kenname akka beennuuf, Ayyaana Waaqaa fudhanne malee, ayyaana biyya lafa tanaa hin fudhanne. Tanaaf nuuti dhugaa ayyaanaa ayyaantole'eef ka barsiisaarru, qarummaa Ayyaana Waaqaa irraa dhaggantuun malee, qarummaa nama irraa dhaggantuunii moti. Nami Ayyaana Waaqaa hin qanne gowwummaa waan itti fakkattuuf, kennansa ayyaana Waaqaa irraa kennamu hin fudhatu; kennansi sun ka qorqoramu Ayyaana Waaqaatiin waan te'eef hubatiisaaf hin dande'u. Nami Ayyaana Waaqa qabu waan duudii qorqora; inni ammoo ifiif eennulle'een hin qorqoramu. Barreeffam Woyyichi, “Yaada Gootta'aa ka beeku eennu? ka gorsa isaa kennu eennu?” jedha. Nuuti ammoo, qalbii Kiristoosii qanna. Obboleeyyan tiyya, ani yennaa isin barsiise akka worra yaada foonii gula deemuutii fi Kiristoosiin daa'immaaniititti malee, akka ayyaantole'eetittii moti. Isin sagalee jadduu nyaatiisa waan hin geyiniif, aanan isin areere malee sagalee jajjadduu moti. Ammaan tanalle sagalee jajjadduu nyaatiisa hin geenne. Isin haga ammaa akka worra biyya lafaa worra fedhii foonii gula deemu; isin waan wol hinaattanuu fi wol mormitanuuf, worra fedhii foonii gula deemuu motii ree? Akka yaada namaatitti leetanii motii ree? Isin keessaa tokko, “Ani ka Phawuloosii ti;” ka dhibiille, “Ani ka Apholoosii ti” yennaa jedhu, isin akka worra biyya lafaa te'uu keessanii motii ree? Inni Apholoos eennu? Phawuloosille eennu? Nuuti akka Goottaan hujii ifii nutti kennetti, tajaajiltoota akka isin dhugeeffattanu goone. Ani midhaan dhaabe, Apholoos bisaan obaase, ka guddise ammoo Waaqa. Tanaaf Waaqa isa guddise malee, ka dhaabe yookiin ka bisaan obaase womaayyuu moti. Ka dhaabee fi ka bisaan obaase wol qixa. Namuu akkuma hujii ifiititti gatii ifii fudhata. Nuuti tajaajiltoota wolqabannee Waaqaaf hujaarru; isin ficha'aa fi ijaarsa Waaqaa ti. Akka badhaadha Waaqi anaa kennetti akka nama qaricha mana ijaaru tokkoo ani hundee hundeesse; ka dhibiin hundee ani hundeesse irratti ijaara. Ammoo nami tokko tokkooyyuu achi irratti attam akka ijaaru ifi eegatu qaba. Hundee yennaa tokko hundootte malee, eennulle hundee dhibii hundeessiisa hin dande'u. Hundeen tunille Yesuus Kiristoos. Nami hundee tana irratti worqi'iin, meeti'iin, dhakaa gatii guddo'ootiin, mukaan, buuyyo'oon yookiin huuraan ka ijaaru yoo jiraate, guyyaan mura'aa ka hujiin nama tokko tokkootuu ifatti baatu hin dhufa; guyyaa san hujiin nama tokko tokkootuu ta attamii akka teete ibiddaan haga ilaalantee mudhatti. Hujiin namichi mana ijaaru hundee san irratti huje, ibiddaan haga ilaallatantee adoo hin gubatin yoo hatte inni gatii ifii hin fudhata. Namichi mana ijaaru ka hujiin isaa gubattee baddu ammoo gatii ifii hin dhaba; teetuu malee inni ifiif akka nama ibidda keessa taree hin gubatin hafuu hin fayya. Isin galma Waaqaa akka teetanee fi Ayyaanni Waaqaa isin keessa akka jiru hin beettanuu? Nami galma Waaqaa yoo diige, Waaqi isa hin diiga. Sababille galmi Waaqaa woyyicha, galmi kunille isinuma. Eennulle ifi hin sobin. Nami isin keessaa akka yaada biyya lafaatitti qaroo ifi sewu yoo jiraate, dhugumaan qaroo te'iisaaf akka gowwa'aa ifi laakkowuu ti. Qarummaan biyya lafa tanaa fuula Waaqaa duratti gowwumma'a. kunille Barreeffam Woyyichi, “Waaqi qaroolee qarummaa isaaniitiinuu isaan qaba” jedha; Barreeffam Woyyichi dhibiille, “Goottaan yaadi worra qaroolee ka woyi hin baane akka te'e hin beeka” jedha. Tanaaf wonni marti teessan waan teeteef eennulle namaan ifi hin jajin. Maarre Phawuloosille teenaan, Apholoosille teenaan, Pheexroosille teenaan, biyya lafaalle teenaan, jireennalle teenaan, du'alle teenaan, waan ammaalle teenaan, waan hegeriille teenaan wonni duudiin keessan. Isin ammoo ka Kiristoosii ti; Kiristoosille ka Waaqaa ti. Namooti akka tajaajiltoota Kiristoosititti worra dhossaa Waaqaa mudhisiisaaf itti gaafatamummaan itti kennante akka teenetti nu laakkowuu qaban. Itti gaafatantooti goottaa isaaniitiif addatamuu qaban. Isin yookiin nami dhibiin akka ulaagaa namaatitti yoo anatti mure anaaf womaa moti; aninuu ifi irratti muriisa hin dande'u. Wodanaa kiyyaan waan ifi komadhu hin qabu, wonni kun ammoo dhugumaan akka ani qulluu te'e hin mirkaneessitu. Ka ana irratti muru Gootta'a. Tanaaf yennaan adoo hin geyin, Goottaan adoo hin dhufin eennulle'etti hin murina'a. Inni waan dukkana keessatti dhokate ifatti hin baasa; yaada gadhaa namaa keessatti dhokatelle diidatti hin baasa. Yennaa san nami martinuu galata isaaf male Waaqa irraa hin dhaggata. Obboleeyyan tiyya, isiniif jedhee tana duudii Apholosii fi ifii kiyyatti fakkeessee dubbadheera. Hiikkaan Jecha, “Waan barreeffame irra hin tarina'a jedhu” akka nu'u irraa barattanuuf ani tana godhe. Tanaaf eennulle nama tokkoon ifi jajee, nama dhibii tuffatuu hin qabu. Ati worra dhibii maaniin caalta? Waan ati qaddu duudii ka si'ii kenne Waaqaa motii? Maarre yoo isa irraa fudhattee jiraatte, akka kennaa hin te'inititti maaf ifi jajja? Isin qaata waan barbaaddanu mara dhaggattane! Isin qaata duroontane! Nu'u malee isin qaata mootontane. Nuuti isin woliin akka mootonnu, adoo dhugumaan mootontane hin jaaladha. Waaqi, nu'u ergantoota akka worra du'a itti muranee gara itti ijjeeffamanu geeffamanuu, worra gadee waan nu godhe seya. Tanaaf biyya lafaa irratti ergantoota Waaqaatii fi fuula namaa duratti akka waan daaw'ii teenee mudhanna. Nuuti Kiristoosiif jennee gowwoolee teeneerra; isin ammoo Kiristoosiin qaro'o; nuuti dadhaboole'e, isin ammoo jajjaba. Nuuti ulfinna dhanneerra, isin ammoo ulfeffantaneertan. Haga ammaan tanaalle nuuti beelotaa, dheebotaa, daaraa, dikamaa, mana dhannee rakkataa, harka keennaan hujaa dadhabaarra. Yennaa nu abaaranu, nuuti hin eebbinna; yennaa nu miidhanu, nuuti hin ossina; yennaa nu arrassanu, nuuti waan dansaa deebinnaaf. Haga ammaan tanaalle nuuti kosi'ii fi caffaa biyya lafa ti. Ani akka ijoollee tiyya jaalatanteetitti isin gorsiisaaf malee, isin qaannessiisaaf tana barreessiisatti hin jiru. Isin Kiristoosiin abbooti guddisaa kuma kudhan yoo qabaatanelle, Abbaa tokko callaa qaddan. Ani Oduu Gammaadaa barsiisee karaa Kiristoosiitiin abbaa keessan te'eera. Tanaaf fakkeenna kiyya akka fudhattanu isin kadhadha. Sababa kanaaf ani ilma jaalatamaa kiyya, ka Kiristoosiin addatame Ximootewoos gara keessan erga. Inni karaa jiru'uu ka Kiristoosiin dhaggadhe, kama ani wolde'oota kiristaanaa addee maratti barsiisu isin yaadachiisa. Isin keessaa gariin waan ani dhufee isin dhaggaa hin jirre seyanee, guddoo kooraneeran. Yoo fedha Waaqaa teete ammoo, ani dhiyoo tanattu gara keessan dhufee, worri koorameyyiin kun waan dubbatanu callaa adoo hin te'in hunna isaanille beekuu fedha. Sababille Mootummaan Waaqaa waan dubbi'ii adoo hin te'in hunna Waaqaa ti. Kam feetan? Ulee fudhadhee isinitti dhufa moo, yookiin ayyaana jaalalaatii fi qajeelumma'aatiin isintti dhufa? Amma, sagaagalummaan worra Waaqa malee le'u oddu'uttu hin godhamin, odduu teessanitti akka jirtu odeeffamaara. Nami niitii abbaa ifii akka niiti'ii godhateeru jira. Maarre, wonni fokkoo akkanaa odduu teessan jirtuun hin gadditan malee, attam koortan? Nama akkasii odduu tessaniin baasa'a. Ani nafa kiyyaan isin bira jiraadhuu dhabulle, ayyaanaan haga ammaa isin bira jira; akka isin bira jiruutti te'e nama waan farra akkasii hujee irratti maqaa Goottaa Yesuusiitiin ani itti mureera. Yennaa isin maqaa Goottaa Yesuusiitiin wolta dachaatanu anille hunna Goottaa Yesuusiitiin ayyaanaan odduu teessan waan jiruuf, nafi namicha kanaa akka baduuf harka Seexanaatti dabarsa'a isa kenna'a; guyyaa Goottaan Yesuus dhufu lubbuun nama kanaa akka fayyituuf tana gootan. Tanaaf ifi jajuun keessan dansa'aa moti. Uukoon diqqoon bukoo guddoo akka bukeessitu hin beettanuu? Akkuma amma jirtanutti akka bukoo hareyaa ta uukoo ifi keessaa hin qannee akka teetanu, uukoo dullattii ifi keessaa gata'a. Hooleen Jila Irra Dabarama keennaa Kiristoos woreegameera. Tanaaf Jila Irra Dabarama keennaa, uukoo dullattii ta cubbu'uu fi hammeena qadduun adoo hin te'in, xaltaa qullumma'aatii fi dhuga'aatiin ka uukoo hin qanneen kowa'a ulfeessina. Sagaagaltoota woliin tokkummaa hin qabaatina'a jedhee Xalayaa kanaan duraa keessatti ani isiniif barreesseera. Akkas jechuun kiyya guutuma guutu'utti worra Waaqa malee le'anu sagaagaltoota, yookiin joljoltoota, yookiin hattoota, yookiin worra waaqota dharaa waaqonsanuun hin lansoomina'a jechu'uu moti. Adoo akkas teetee jiraatte biyya lafaa keessaa bawuu qaddaniiyyu. Ani ammoo nama ifiin ani dhugeeffadheera jedhaa sagaagalu, yookiin joljolu, yookiin waaqota dharaa waaqonsu, yookiin maqaa namaa balleessu, yookiin machowu, yookiin hatuun hin lansoomina'a jedhee isinii barreesse. Nama akkanaa wolille'een hin nyaatina'a. Worra tokkummaa wolde'a kiristaanaa keessa hin jiretti muriis hujii tiyyaa ree? Worra tokkummaa wolde'a kiristaanaa keessan keessa jirutti isin muruu hin dandeettanuu ree? Worra ala jirutti ka muru Waaqa. Barreeffam Woyyichi, “Nama hamaa wodhakkaa tessaniin baasa'a” jedha. Isin keessaa nami tokko dhugeeffataa dhibi'iin yoo wol dhabe, dubbii san kolbaa Waaqaa duratti ilaaluu irra, attam gara Kora Mura'aa ka worra hin balchoominii dhaqiisaaf gantan ree? Kolbaan Waaqaa biyya lafaa irratti akka muru'uu jirtu hin beettanuu? Maarre, biyya lafaa irratti ka murtanu yoo teetane, waan diqqoo akkanaatitti attam muruu dadhaddan? Nuuti ergantoota Waaqaa irratti akka murru hin beettanuu? Irra caalaa waan biyya lafaatitti attam amma muruu dhanna ree? Egasuu yoo wol dhaddane dubbii teessan worri wolde'a kiristaanaa keessatti hin barbaachinne akka isinii muru attam itti geeffattan ree? Akka isin fokkiffatanuuf ani tana jedhaara. Nami qaroon wol dhaba obboleeyyaniititti muru wodhakkaa teessan hin jiruu? Isin keessaa ammoo dhugeeffataan tokko ka dhibi'iin wol dhabee gara Kora Mura'aa ka worra hin dhugeeffatinii geessuu qabaa? Isin wol himattanee falmatiisinuu jigiisa keessan mudhitti. Addee san adoo isin yakkantanee hin woyyuu? Akkasuma adoo saamantanee woyyaa motii? Isin ammoo kiristaana obboleeyyan teessanuuyyuu yakkittanee saamaartan. Jallaameyyiin Mootummaa Waaqaa akka hin dhaalle hin beettanuu? Hin sobamina'a! Sagaagaltooti yookiin worri waaqota dharaa waaqessu, yookiin gaarayyeffattooti, yookiin dhiirti dhiira bukkoonsitu, yookiin hattooti yookiin joljoltooti, yookiin ka machowu yookiin worri maqaa namaa balleessu, yookiin worri saamu Mootummaa Waaqaa hin dhaalu. Isin keessaa gariin worra akkanaa turtane. Isin ammoo maqaa Goottaa Yesuus Kiristoosiitii fi Ayyaana Waaqa keennaatiin cubbuu dhiqattanee, kolbaa Waaqaa teetanee balchoontaneertan. Nami tokko “Wonni marti anaaf eeyyattanteerti” jedhuu dande'a. Wonni marti ammoo bu'aa qaddi jechu'uu moti. Wonni marti anaa eeyyattanteerti, teetuu malee waan maraaf garba te'ee hin bitamu. Nami dhibiin, “Sagaleen gadha'aaf, gadhaalle sagale'eef” jedhuu dande'a. Waaqi ammoo waan kana lamaanuu hin balleessa. Nafi keenna Goottaa tajaajilu'uuf, Goottaalle nafa kunuunsu'uuf malee, nafa sagaagalaaf itti fayyadamuu hin qannu. Waaqi Goottaa du'aa kaaseera; innille hunna ifiitiin du'aa nu hin kaasa. Nafi keessan mitikaa nafa Kiristoosii akka te'e hin beettanuu? Maare ani mitikaa nafa Kiristoosii fuudhee mitikaa sagaagaltu'uu godhuu qabaa? Ijjumaa te'uu hin qabu! Nami dubartii sagaagaltitti'iin wolitti maxxane nafi isaa ka isi'iitiin tokko akka te'e hin beettanuu? Barreeffam Woyyichi, “Isaan lamaanuu foon tokkocha te'an” jedha. Nami Gootta'atti ifi maxxanse ayyaanaan isa woliin tokko te'a. Sagaagalummaa irraa fagaadha'a. Cubbuun dhibiin nami huju nafa namaa hin tuxxu; nami sagaagalu ammoo nafa ifii irratti cubbuu huja. Nafi keessan galma Ayyaana Woyyicha Waaqi isiniif kennee, ka isin keessa jiraatuu akka te'e hin beettanuu? Yoona isin ka Waaqaa ti malee ka mataa keessaniitii moti. Waaqi gati'iin isin bitate. Maarre nafa keessaniin Waaqa ulfeessa'a. Marroo gaaffii gara kiyya barreessitanee dhiirti dubartii adoo fuudhuu dhaddee dansa'a. Sagaagala irraa ifi eegatiisaaf ammoo, dhiirti tokko tokkoonuu niitii ifii qabaattuu ti; dubartiin tokko tokkoonuu dhirsa ifii qabaattuu ti. Dhirsi haqa niitii ifii ka dhirsumma'aa hin dhooggatin; niitiille haqa dhirsa ifii ka niitumma'aa hin dhooggatin. Niitiin nafa ifii irratti baallii hin qaddu; nafa isi'ii irratti baallii ka qabu dhirsa isi'ii ti. Akkasuma dhirsille nafa ifii irratti baallii hin qabu; nafa isaa irratti baallii ta qaddu niitii isaa ti. Akka jabaattanee dadimattanuuf isin lamaanuu wolii galtanee yennaa murtootteef yoo teete malee, haqa dhirsaa fi niitumma'aa wol hin dhoggatin. Sababa kanaan ka ka'e ifi qabachuu dadhaddanee Seexanni akka isin hin ataanne, ammalle wolitti deebi'aa. Ani isiniif eeyyamiisaaf malee, isin ajajiisaafii moti. Nami duudiin akkuma kiyya adoo niitii fuudhuu dhabe hin fedhaayyu. Waaqi ammoo nama tokko tokkoofuu kennaa adda addaa kenneera. Tokkoof kennaa tokko, kaaniif kennaa dhibii kenneera. Amma worri hin fuudhinii fi hin heerumin, akkasuma haadhotiin hiyyeessaa akka kiyya fuudhaa fi heeruma malee adoo jiraatane dansa'a. Ifi qabatiisa yoo dadhabane ammoo, addee halchaa fooniitin gubatanu fuudhuu woyya. Worra fuudheef ajaja kennu qaba; ajaji kunille ka Gootta'aa ti malee kiyyaa moti. Dubartiin heerunte dhirsa ifii irraa gargar hin bayin; yoo baate ammoo, adoo hin heerumin qofuu leetuu ti; yookiin dhirsa ifii woliin araarantuu ti. Akkasuma dhirsille niitii ifii hin lakkisin. Worra dhibi'iin ammoo Goottaa adoo hin te'in, ani akkana jedha. Nami dhugeeffate tokko niitii hin dhugeeffatin yoo qabaatee isiin isa woliin le'iisa jaalatte, inni isii hin lakkisin. Dubartiin dhugeeffattte takkalle dhirsa hin dhugeeffatin yoo qabaattee inni isii woliin le'iisa jaallate, isiin isa hin lakkisin. Abbaan manaa ka hin dhugeeffatin karaa haadha manaa ta dhugeeffatteetiin Waaqaa biratti fudhatama qabaata; haati manaa ta hin dhugeeffatinille karaa abbaa manaa ka dhugeeffateetiin Waaqa biratti fudhatama qabaatti. Yoo akkas te'uu dhadde, ijoolleen teessan nama Waaqaa te'uu hin dandeettu. Akka kana yoo leetane ammoo, ijoolleen teessan nama Waaqaa hin teeti. Isin keessaa ka hin dhugeeffatin gargar bayiisa yoo fedhe bayuu ti. Dhirsi dhugeeffataa te'e yookiin niitiin dhugeeffattuu teete, haala akkasiitiin hin hidhamanu. Waaqi nageyaan akka leetanu isin waame. Ati dubartii tana, dhirsa dhugeeffataa hin te'in keeti, takki fayyittuu beettaa? Atille namicha kana, niitii dhugeeffattuu hin te'in teeti, takki fayyittuu beettaa? Tokko tokkoon keessan akkuma keennansa Goottaan isinii kennee fi akkuma yennaa Waaqi isin waame jirtanutti jiraadha'a. Kun seera ani wolde'a kiristaanaa duudii keessatti barsiisu. Nami haqanqabaa qabateen duuba yoo Waaqaan waamame, akka haqanqabaa qabatee hin jirree hin te'in; yoo haqanqabaa qabatee hin jiraatin Waaqaan waamamee jiraate haqanqabaa qabatiisaa hin barbaadin. Wonni guddoon ajaja Waaqaa eegatiisa malee, haqanqaba qabatiis yookiin qabatuu dhabiis womaayyuu moti. Nami tokko tokkoonuu akka yennaa Waaqi isa waame jirutti le'uu qaba. Yennaa Waaqi si waame garbummaa jala turtee? Yoo teeteelle womaa moti. Carraa bilisa bayiisaa yoo dhaggatte ammoo si irra hin tarin. Nami adoo garba te'eeruu Gootta'aan waamame, Gootta'aan bilisummaa dhaggateera; akkasuma nami adoo bilisa te'eeruu waamame Kiristoosiif garibicha. Waaqi gati'iin waan isin bitateef, garboota namaa hin te'inna'a. Obboleeyyan tiyya! Nami tokko tokkonuu yennaa waamame akka jirutti Waaqa woliin jiraatuu ti. Amma marroo worra hin fuudhinii fi hin heerumin jiranuu, Goottaan ajaja anaaf hin kennine. Ani ammoo, akka nama marartii Gootta'aa dhaggatee addatamaa te'eetitti, yaada kiyya isintti kenna. Yennaan amma keessa jirru rakkittuu waan iteetef, nami akkuma jirutti adoo le'e dansaa anatti fakkaatti. Yoo niitii fuutee jiraatte isii lakkisiisaa hin barbaadin, Yoo fuutee hin jirre ammoo fuudhiisaa hin barbaadin. Yoo fuute ammoo, cubbuu hujje jechuu kiyyaa moti; akkasuma durrittiin takka yoo heerunte cubbuu hujje jechuu kiyyaa moti. Te'uu malee worri fuudhuu fi heerumu biyya lafaa tana irratti rakkoo le'ii hedduu qabaatan; ani ammoo, rakkinna kana jalaa akka baatanuuf jedhee isin gorsa. Obboleeyyan tiyya! Wonni ani isiniin jedhu barri gabaabbateera; yoona worri niitii qabu akka niitii hin qannee te'ee le'uu ti. Worri gaddu akka hin gaddineetitti, worri gammadu akka hin gammaneetitti le'uu ti; worri meya bitatu akka womaa hin qannee te'uu ti. Worri karra biyya lafaatitti fayyadamu akka womaa hin fayyadanee te'ee le'uu ti. Sababille biyyi lafaa tun hin tarti. Ani akka isin yaaddoo malee leetanu fedha. Nami hin fuudhin waan ittiin Goottaa gammachiisu waan barbaaduuf, yaadi isaa hujii Gootta'aa irratti xiyyeeffata. Nami fuudhe ammoo, niitii ifii gammachiisiisaa waan barbaaduuf, yaadi isaa waan biyya lafaatiif haajama. Akka kanaan yaadi isaa addee lamatti qoodameera. Dubartiin hin heerumin yookiin durrittiin takka nafaa fi ayyaanaan woyyoontee ta Gootta'aa te'iisa waan barbaadduuf, yaadi isi'ii hujii Gootta'aatiif haajama; dubartiin heerunte ammoo, dhirsa ifii gammachiisiisaaf waan barbaadduuf waan biyya lafaatiif haajanti. Ani akka isiniif toltuuf tana jedhe malee, isin hidhiisaaf moti. Isin waan sirrii te'ee fi waan male hujaa, gadhaa tokkoon tajaajila Gootta'aatiif akka ifi kennitanu fedha. Nami tokko durra kadhateeru woliin wonni godhiisatti jiru sirrii yoo itti hin fakkaatin, ganni isi'iille dabariisa yoo geyee jiraate, woli fuudhiisi isaaniille yoo sirrii itti fakkaatte akkuma fedhe san yoo fuudhe cubbuu itti hin teetu. Nami tokko ammoo, gadhaa kutatee, wonni isa dirqansiisu yoo hin jiraatin, halchaa ifiille towatiisa dande'ee, durrittii kadhateeru san fuudhuu dhabiisaaf yoo murteeffate dansaa godhe. Maarre nami fuudhu dansaa godha; ka hin fuune ammoo san caalaa dansaa godha. Haati manaa haga abbaan manaa isi'ii lubbu'uun jiru seera fuudhaa fi heerumatiin hidhanteerti; yoo dhirsi irraa du'e ammoo, nama ifii feete heerumiisaaf isiin bilisa. Teetuu malee nami isiin heeruntu sun dhugeeffataa te'uu qaba. Akka yaada kiyyaatitti adoo hin heerumin yoo teette, irra caalaa gammadaan leeti. Anille Ayyaana Waaqaa qaba jedhee heda. Marroo horii waaqota dharaatiif qalamee gaaffii ana gaafattane ilaalchisee, nuuti marti beekkunsa akka qannu hin beenna. Beekunsi akkasii nama bondhoorsa; jaalalli ammoo hin jabeessa. Nami wo beeka ifiin jedhu, haga beeku'uu maleeyyuu hin beenne. Nami Waaqa jaalatu ammoo Waaqaan ka beekkame te'a. Maarre, marroo horii waaqota dharaatiif qalame nyaatiisaa yoo teete, waaqi dharaa dhugumaan jireenna akka hin qanne, akkasuma Waaqa tokkocha malee ka dhibiin akka hin jirre hin beenna. Adoo Waaqa hin te'in waaqota jedhamanee, waaqotii fi goottoti waamamanu hedduun ol-gubba'aa fi lafa irra jiran yoo jedhamanelle, nu'uuf ammoo Waaqa tokkocha calla'aatti jira. Inni Waaqa Abbaa wonni duuchiin isaan dadantee fi nuutille isaaf jiraannu; akkasuma Goottaan, Yesuus Kiristoos calla'a. Inni ka wonni duudiin karaa isaatiin dadantee fi ka nuuti karaa isaatiin jiraannu. Nami marti ammoo dhugaa tana hin beeku. Worri gariin haga ammaa waaqota dharaa waaqonfatiisa waan barataneef, foon horii qalamee san yennaa nyaatanu, akka foon waaqota dharaatiif qalameetitti yaadatan; wodanaan isaaniille dadhabaa waan te'eef hin battowan. Sagaleen gara Waaqaa nu hin dhiyeessitu; yoo nyaatuu dhanne womaa nu irraa hin dhidhatu; yoo nyaannelle womaa nu'uuf hin ede'amu. Bilisummaan teessan tun ammoo, worra dhugeeffanna'aan hin jabaatiiniif gufuu akka hin teene ifi eegadha'a. Ani beekkunsa qaba jettee galma waaqota dharaa keessatti ati nyaatiisatti jirtuun, nami wodanaan isaa dadhabaa te'e tokko yoo si dhagge, wonni kun akka inni horii waaqota dharaatiif qalame nyaatuuf isa hin kakkachuu? Maarre nami dhugeeffanna'aan hin jabaatin, obboleessa keeti ka te'e, ka Kiristoos du'eef sababa beekkunsa keetiitiin bada. Karaa kanaan kiristaana dhibii yakkiisaa fi wodanaa isaanii dadhaba madeessiisaan Kiristoos yakkitan. Tanaaf wonni ani nyaadhu obboleessa kiyya ta gufaachiittu yoo teete, isa akka hin gufachiinneef jedhee ijjuumaa foon hin nyaadhu. Ani nama bilisummaa qabuu motii? Ani ergama'aa motii? Ani Goottaa keenna Yesuus hin dhagginee? Isin Gootta'aan bu'aa hujii tiyyaatii motii? Ergamaa te'uun kiyya worra dhibii biratti fadhatama dhabulle, ani isiniif ergama'a. Sababille, Gootta'atti waan dhugeeffattaneef isinuu beessisa eregama te'iisa kiyyaa ti. Worra ana busheeshuuf ani deebii qaba: waan nyaannuu fi waan unnu dhaggatiisaaf mirga hin qannuu ree? Akka Ergantoota dhibi'ii, akka obboleeyyan Gootta'aatii fi akka Pheexroosii, nuutille niitii dhugeeffatte ifi faana fudhannee woliin deemiisaaf mirga hin qannuu? Yookiin anaa fi Barnaabaas calla'aattuu waan le'ii teennaatiif hujatuu qannaa? Nami loltuu te'ee mindaa malee beesee ifiitiin tajaajilu eennu? Nami muka woyni'ii dhaabee midhaan isi'ii hin nyaanne eennu? Nami horii tissaa aanan hin unne eennu? Ani akka yaada namaa callaa kana jedhaaraa? Seerri Muuse'eetuu akkana hin jedhuu? Seera Muuse'ee keessatti, “Qotiyyoo midhaan dhooyiisatti jirtu afaan hin hidhin” ka jedhu barreeffameera. Amma Waaqi marroo qotiyyo'ootiif haajamee tana jedhee? Waaqi marroo teennaafii motii tana jedhe ree? Nami lafa qotuu fi nami midhaan dhowu qooda midhaanii dhaggadha jedhee akkuma addii godhatu, dhugumaan wonni kun marroo teennaaf barreeffante. Nuuti waan jireenna ayyaanaatiif barbaachisu isinii facaannee, waan jireenna fooniitiif barbaachisu isin irraa yoo haammanne waan guddo'oo ree? Worri dhibiinuu waan akkasii isin irraa dhaggatiisaaf mirga ka qabanu yoo teete, nuuti mirga kana caalu attam qabaatuu dhanna ree? Nuuti ammoo mirga kanatti hin fayyadanne. Oduu Gammadaa ta Kiristoositiif gufuu akka hin teeneef, nuuti waan mara ossanne. Worri Galma Waaqaa keessa tajaajilu sagalee ifii Galma Waaqaa keessaa akka dhaggatuu fi worri addee ciinca'aatitti ciincaa dhikeessu qooda ciinc'aa akka dhaggatu hin beettanuu ree? Akkasuma worri Oduu Gammadaa lallabu waan ittiin le'anu hujii tana irraa akka dhaggatanu Goottaan ajajeera. Ani ammoo mirga kana keessaa tokkolle'etti hin fayyadanne; kana ka barreessaarulle akka tana anaa gootanuufii moti. Waan ani ittiin ifi jaju nami gatii dhassiisu'uu mannaa du'u naa woyya. Ani Oduu Gammadaa waan odeesseef ifi jajuu hin qabu. Kana godhuun anaaf dirqama; Oduu Gammadaa yoo lallabuu dhabe anaaf aanne'e! Fedha kiyyaan tana yoo godhe, gatii hin dhaggadha; fedha kiyya malee yoo godhe ammoo, hujii Waaqa biraa hadara'aan anatti kennnante muummesse jechu'u. Gatiin dadhabbii tiyyaa maan ree? Gatiin dadhabbii tiyyaa mirga ifii qabu adoo itti hin fayyadamin, mindaa malee akkanumaan Oduu Gammadaa lallabu'u. Ani nama bilisa malee, nama tokkolle'eef garbaa moti; ammoo haga dande'ame worra hedduu fayyisiisaaf garba ifi godheera. Yihudoota fayyisiisaaf Yihudoota biratti akka Yihudootaa te'e. Ani seeraan jala jiraatuu dhabulle, worra seeraan jala jiru biratti akka nama seeraan jala jiruu te'e. Ani Seera Waaqaa ka qabuu fi Seera Kiristoosiitiin jala jiraadhulle, worra Yihudoota hin te'in ka seera hin qanne fayyisiisaaf akka nama seera hin qannee te'e. Worra dhugeeffanna'aan dadhabaa te'e fayyisiisaaf, akka worra dadhaba'aa te'e. Worra garii fayyisiisaaf nama duudii woliin waan duudii te'e. Ani eebba Wongeelaa qoodamiisaaf, Wongeelaaf jedhee tana duudii godha. Worri wol doggomu duudiin akka rukkisuu fi isaan keessaa tokkochi callaan badhaasa akka fudhatu hin beettanuu? Isinille akkasuma badhaasa akka dhaggattanu rukkisa'a. Worri doggommo'oof qophawu mara leenjii jadduu leenji'a. Isaan badhaasa taree badu dhaggatiisaaf kana godhan; nuuti ammoo badhaasa bara baraa akka dhaggannuuf tana goona. Tanaaf ani akka nama yaada hin qannee toluma hin rukkisu; ani akka nama qilleensa tuntummu'uun dhowuu nama toluma aggatuu moti. Worra dhibi'iif Oduu Gammadaa lallabeen duuba, ani ifiif akka doggomi'iin ala hin teene, nafa kiyya adabaa akka anaaf ajajamu godha. Obboleeyyan tiyya! Akka abbootii teenna duumessi isaaniin gubbbaa jiraatee sooressee fi akka isaan martinuu Abbaayaa Diintuu keessa qaxxaamurane isin qaassisuu fedha. Isaan duudiin hordofattoota Muuse'ee te'iisaaf duumensaa fi Abbaayaa guddoo tanatti cuuphamane. Isaan martinuu sagalee ayyaanaa ta wol fakkaattu nyaatane. Isaan martinuu unii ayyaanaa ta wol fakkaattu unaneeran. Uniin isaan unanelle rassaa ayyaanticha isaan hordofiisatti jiru irraa maddite; rassaan sunille kiristoos. Teetuu malee, Waaqi isaan keessaa worra heddu'utti waan hin gammadiniif reeffi isaanii goomolee keessatti bittinnayee hafe. Isaan waan hantuu akka halchane, nuutillee waan hantuu akka hin halchine wonni kun nu'uuf fakkeenna nu ifi eeggachiisu te'eera. Akkuma Barreeffam Woyyichi, “Kolbaan nyaataa fi unto'oof teette; caaqaa sirbiisaafille kaate” jedhu, isinille akka isaan waaqota dharaa waaqonfatane, waaqota dharaa hin waaqonfatina'a. Isaan keessaa worri gariin sagaagalee nami kumi diddamii sadi guyyaa tokkotti akkuma dhumate, nuutille sagaagaluu hin qannu. Isaan keessaa gariin Goottaa haga ilaalane akkuma bofaan ijjeeffamane, nuutille Goottaa haga ilaaluu hin qannu. Isaan keessaa gariin gungumanee, ergamaa Waaqaa ka balleessuun akkuma badane isinille hin gungumina'a. Wonni kun duudiin nu'uuf fakkeenna akka teetuuf isaan dhaqqadde; nu worra bara muumme'ee keessa jirruuf ammoo, ifi eeggannoo akka teetuuf barreeffante. Tanaaf nami ani dhaabbadheera jedhee yaadatu, akka hin jinne ifi eegatuu ti. Haga ilaallatam namatti dhufee hin beenne, isinitti hin dhunne. Waaqi addatamaa waan te'eef, akka hunnna teessaniin ol haga ilaallatantanuuf isinitti hin lakkisu. Ammoo yennaa haga ilaallatantanu jabeenna ittiin ossattanu isinii kennaa, karaa keessaa baatanu isiniif qopheessa. Maarre jaalota tiyya! Waaqota dharaa waaqonfatiisa irraa fagaadha'a. Ani isin worra hubatu waan teetaneef dubbadha; waan ani dubbadhu isinuu mura'a. Muduunuu yennaa Irbaata Gootta'aa fudhannu itti fayyadannu, ta Waaqalle galateeffannuuf keessaa yennaa unnu eebba dhiiga Kiristoosii fudhatiisatti jirraa motii? Daabboo caccaffannulle yennaa nyaannu eebba foon Kiristoosii fudhatiisatti jirraa motii? Daabboon takkaan waan jirtuuf, nuuti hedduu teenulle, duudiin keenna daabboo takkaa irraa waan qoodannuuf nuuti nafa tokkocha. Me kolbaa Israa'elii ilaala'a; worri waan ciinca'aaf dhikaatu nyaatu, tajaajila addee ciinca'aa qoodamiisatti hin jiruu ree? Egasuu, ciincaan waaqota dharaatiif dhiyaatu, yookiin waaqoti dharaatuu bu'aa qaban jechuu kiyyaa ree? Waawwoo! Worri waaqota dharaa waaqonsu durriisaaf ciincaa dhikeessa malee, Waaqaafii moti. Akka isin durriisota woliin jaalontanuufille ani hin barbaadu. Isin muduunuu Gootta'aa keessaa unaa, muduunuu durriisotaa keessalle'ee unuu hin dandeettanu; isin qorii Gootta'aa keessaa nyaataa, qorii durriisotaa keessalle'ee nyaatuu hin dandeettanu. Yookiin nuuti Goottaa hinaassisaarraa ree? Nuuti isa caalaa jajjabaa ree? “Wonni marti eeyyatanteerti” jedhama, ammoo wonni marti bu'aa hin qaddu. Wonni marti eeyyatanteerti; wonni marti ammoo hin jabeessitu. Nami tokko tokkonuu bu'aa mataa ifii callaa barbaaduu adoo hin te'in, bu'aa worra dhibi'iitille'eef yaaduu ti. Mama wodanaa keessan keessaa ka'u lakkissa'aatii, foon dikko'otti gurguramu duudii nyaadha'a. Sababille akkuma Barreeffam Woyyichi jedhutti, “Lafaa fi wonni isii irra jiru duudiin ka Gootta'aa ti”. Nami hin dhugeeffatin tokko areerti'iif yoo isin waame, isinille dhaqiisaaf yoo murteeffattane, waan isin duratti dhiyaate, mama wodanaa keessan keessaa ka'u lakkissa'aatii nyaadha'a. Ammoo nami tokko, “Kun waaqota dharaatiif ka ciinceffameeru” jedhee yoo isinitti hime, marroo namicha isinitti himeetii fi wodanaa isaatiif jedha'aatii hin nyaatina'a. Wodanaa jechuun kiyya, wodanaa namicha sanii tuqa jechuu kiyya malee, wodanaa keessanii moti. Egasuu sababa wodanaa nama dhibi'iitiif, bilisummaa tiyya irratti maaf muranti ree? Ani Waaqa galateeffataa yoo nyaadhe, waan ittiin Waaqa galateeffadhuuf maaf komatama? Maarre yennaa nyaattanulle te'e yennaa untanu, yookiin waan gootanu mara ulfinna Waaqaatiif godha'a. Worra Yihudootaa yookiin worra Yihudoota hin te'in yookiin wolde'a Kiristaana Waaqaa hin gufachiisina'a. Ani nami duudiin akka fayyuuf bu'aa worra dhibi'ii malee, bu'aa mataa kiyyaa adoo hin barbaadin, waan huju maraan nama akkuma gammachiisu isinille akkasuma godha'a. Akkuma ani Kiristoos fakkaadhu isinille ana fakkaadha'a. Waan duudi'iin yennaa maraa ana qaabataa, barsiisa ani isin barsiise waan qabattaneef isin leelliffadha. Ammoo Kiristoos mataa dhiiraa, dhiirti mataa dubarti'ii, Waaqille mataa Kiristoosii akka te'e akka beettanu barbaada. Dhiirti hagooggattee daadimattu yookiin raaga dubbattu ifi salphitti. Akkasuma dubartiin mataa ifii hin hagooggatin daadimattu yookiin raaga dubbattu, dhiira dubartii irratti baallii qaddu salphitti. Dubartiin mataa ifii hin hagooggatin, akka mataa haadatteetitti laakkowanti. Dubartiin mata ifii ta hin hagoogganne yoo teete, rifeensa mataa ifii murattuu ti; rifeensa mata'aa muratiis yookiin haadatiis ka isii salphisu yoo te'e ammoo, mataa ifii hagooggattuu ti. Dhiirti bifa Waaqaatii fi ulfinna Waaqaa ta mudhittu waan teeteef, mataa ifii hin hagooggatin. Dubartiin ammoo ulfinna dhiiraa mudhitti. Sababille dubarti'ittuu dhiira irraa dhaggame malee, dhiirti dubartii irraa hin dhagganne. Akkasuma dubarti'ittuu dhiiraaf dadante malee, dhiirti dubarti'iif hin dadanne. Marroo kanaa fi sababa ergantoota Waaqaatiif, dubartiin hagoogguu beessisa baalli'ii teete san hagooggatuu ti. Jireenna Gootta'aan qannuun dubartiin dhiira malee hin jiraattu; dhiirtille dubartii malee hin jiraattu. Akkuma dubartiin dhiira irraa dhaggante, dhiirtille dubartii irraa dhalatte; wonni duudiin ammoo Waaqa irraa dhagganti. Me isinuu mura'a; duubartiin adoo mataa ifii hin hagooggatin wolde'a kiristaanaa keessatti Waaqa daadimatuun waan malee? Dhiirti rifeensa mataa ifii dheereffachuun salphinna akka te'e, aadaan le'ii namaatuu isin hin barsiittuu? Dubartiin ammoo rifeensa dheeraa yoo qabaatte, isi'iif ulfinnaa motii ree? Rifeensi isi'iille akka ittiin ifi gollattuuf kenname. Nama yaada kanaan moromuu barbaaduuf ammoo, nuuti yookiin wolde'ooti kiristaanaa ka Waaqaa, aadaa dhibii hin qannu. Yennaa waaqeffanna'aaf wolitti qabantanu, dansaa caalaa hantuu waan gootanuuf, barsiisa amma isinii kennuun isin hin leelliffadhu. Waan duudi'iin dura, wolde'i kiristaanaa keessan yennaa wolitti qabamu, gargar bayiis odduu teessan akka jiru dhage'eera; wonni ani dhage'elle gamis dhugaa akka te'e hin dhugeeffadha. Isin keessaa worri dhugaa irra jiru foyamee akka beekkamu, odduu teessanitti gargar bayiis jiraatuu qaba. Yennaa wolitti qabantanu Irbaati isin nyaattanu ka Gootta'aatii moti. Sababille yennaa nyaattanu namuu kuun kaan adoo hin eegin qofuu nyaata. Akka kanaan kuun hin beelowa, ka dhibiin hin machowa. Isin mana itti nyaattanuu fi untanu hin qaddanuu? Yookiin wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa hin tuffattanii? Yookiin worra woyi hin qanne qaanessitanii? Ani maan isiniin jedhu ree? Marroo waan kanaatiif isin leellifadhaa ree? Ani ijjumaa isin hin leelliffadhu. Barsiisi ani Goottaa irraa fudhadhee isiniif dabarsee kenne kana: Gottaan Yesuus halkan dabarfamee kenname xaltaa daabbo'oo fuudhee, Waaqaaf galata galchee, cassee, “Kun foon kiyya, ka isiniif te'u; kana qaabbii tiyyaaf godhadha'a” jedhe. Akkasuma Irbaataan duuba muduunuu fuudhee, “Muduunuun tun gondooroo haareya dhiiga kiyyaan teetu; yennaa isii untanu mara qaabbii tiyyaaf godhadha'a” jedhe. Isin yennaa xaltaa daabbo'oo kana nyaattanuu fi muduunuu tana untanu mara, haga Goottaan deebi'ee dhufutti du'a isaa lalladdan. Tanaaf eennulle ka isaaf hin malle adoo te'eeruu, daabboo Gootta'aa yoo nyaate, yookiin muduunuu Gootta'aa yoo une, foonii fi dhiiga Gootta'aa waan salphiseef itti gaafatama. Maarre, eennulle daabboo tana adoo hin nyaatin, muduunuu tanalle adoo hin unin ifi qorqoruu qaba. Eennulle foon Gootta'aa maan akka te'e adoo hin hubatin, foon Gootta'aa yoo nyaate, muduunuu Gootta'aalle yoo une yakkaamessa ifi godha. Sababa kanaaf isin keessaa worri hedduun dadhabee, worri hedduun dhibamee, worri gariille du'e. Adoo dursinee ifi qorqoree jiraanne, sila Waaqa duratti yakkaameyyii hin teenu. Ammoo biyya lafaa woliin akka nu'utti hin muranne, Goottaan ammuma nu'utti muree nu adaba. Tanaaf obboleeyyan tiyya! Irbaata Gootta'aatiif yennaa wolitti qabantanu wol eega'a. Wolitti qabamuun keessan yakkaa ifitti murisiisiisaaf akka hin teene, nami isin keessaa beelaye yoo jiraate mana ifiititti nyaatuu ti. Marroo waan dhibi'ii ani yennaa achi dhufu, qajeelfama isinii kenna. Obboleeyyan tiyya! Amma marroo kennansa Ayyaana Woyyichaa akka beettanu barbaada. Isin duri yennaa Waaqatti hin dhugeeffatin, karaa irraa gortanee gara waaqota dharaa ka dubbatiisa hin dandeennee, oofamaa akka turtane hin beettan. Tanaaf nami Ayyaana Waaqaatin sooreffamee, Yesuus abaaru hin jiru; akkasuma Ayyaana Woyyichaan yoo sooreffame malee eennulle, “Yesuus Gootta'a” ka jedhu akka hin jirre akka beettanu barbaada. Kennansi adda addaa jira; Ayyaanni Woyyichi ammoo tokkochuma. Tajaajilli adda addaa jira; Goottaan ammoo tokkochuma. Hujiin adda addaa jirti; waan mara nama duudii keessatti ka huju Waaqa tokkochuma. Kennansi Ayyaanaa ka nama duudii keessatti mudhatu, bu'aa nama duudi'iitiif kenname. Ayyaanni Woyyichi tokkoof dandeettii qaroomaan dubbatiisaa hin kenna; ka dhibi'iif Ayyaanni sunuu dandeettii beekkunsaan dubbatiisaa hin kenna. Tokkoof Ayyaanni sunuu dhugeeffannaa hin kenna; ka dhibi'iif kennansa dhibee irraa fayyisiisaa hin kenna. Tokkoof hunna bilbaasa hujiisaa, kaaniif hunna raaga dubbataa hin kenna; ka dhibi'iif dandeettii ittiin kennansa Ayyaana Woyyichaatii fi ayyaana hama'aa addaan baasiisaa, tokkoof dandeettii afaan haareya adda addaatiin dubbatiisaa, ka dhibi'iif dandeettii ittiin waan afaan adda addaatin dubbatame addaan baasiisaa hin kenna. Ayyaana tokkochuma sanitti tana duudii godha; Ayyaanni Woyyichi akka fedhetti nama tokko tokkoofuu kennansa addaa kenna. Nafi tokkochi qooda adda addaa qaba; nafi tokkochi qooda hedduu qaba. Akkasuma Kiristoosille akka nafa tokkocha qooda hedduu qabuu ti. Nuuti Yihudoota yoo teenelle, worra Giriikootaa yoo teenelle, garboolee yoo teenelle, worra bilisa yoo teenelle, nafa tokkocha akka teenuuf Ayyaana Woyyichaan cuuphanneerra; nuuti duudiinuu akka unnuuf Ayyaanni tokkochi nu'uuf kennameera. Nafi qooda hedduu irraa hujame malee, qooda tokko callaa irraa hin hujanne. Miilli harkaan, “Ani harka waan hin te'iniif, qooda nafaatii moti” yoo jedhe, qooda nafaa te'uun isaa oolchaa hin qabu. Gurrille, “Ani ila waan hin te'iniif, qooda nafaatii moti” yoo jedhe, qooda nafaa te'uun isaa oolchaa hin qabu. Nafi duudiin adoo ila te'e, sila maaniin woyi dhage'a? Nafi duudiin adoo gurra te'e, sila maaniin foolee fuudha? Waaqi ammoo, qooda nafa duudi'ii adda addaan akka ifii barbaadetti, addee addee isaatitti qopheesse. Qoodi nafaa duudiin, qooda nafaa tokko callaa yoo te'e, nafi eessa jiraata laati? Kanaaf akka amma jirutti, qoodi nafaa heddu'u; nafi ammoo tokkocha. Maarre ilti harkaan, “Ati anaaf hin barbaachittu” yookiin mataan miilaan, “Ati anaaf hin barbaachittu” jechuu hin dande'u. Qooda nafaa keessaa irra caalaa dadhabaa fakkaatanee ka mudhatanuuyyuu, guddoo barbaachisan; qooda nafa keennaa keessaa ka ulfinna diqqaa qabanu fakkaatanee nu'utti mudhatanuuf, caalchinnee ulfinna kennina; qooda nafa keennaa ka fokkisiisanu fakkaatanee ka nu'utti mudhatanuuf ammoo, caalchinnee kabajjaa kenninee hin eeganna. Qooda nafa keennaa ka ilatti mudhattuuf ammoo, wonni kun duudiin hin barbaachittu. Waaqi ammoo, qoodi nafaa tuffatamaan ulfinna irra caalu akka qabaatu wolitti qabeera. Qooda nafaa wodhakkaa garaa garummaan adoo hin jiraatin, akka woliif yaadatanuuf inni tana godhe. Qooda nafaa keessaa tokko yoo rakkate, ka hafanelle isa woliin rakkatan; isaan keessaa tokko ulfinna yoo dhaggate, ka hafanelle isuma san woliin gammadan Amma isin duudiin nafa Kiristoosii ti; tokko tokkoon keessanuu qooda nafa isaa ti. Waaqi wolde'a kiristaanaa keessatti dursee ergantoota, itti aansee raagota, sadeesoo barsiisota, achiin duuba worra bilbaasa huju, isaanitti aansee worra kennansa dhibamaa fayyisiisaa qabu, worra kennansa namoota qarqaariisaa qabu, bulchitootaa fi worra afaan haareyaan dubbatanu kaaseera. Duudiinuu ergantootaa ree? Duudiinuu raagotaa ree? Duudiinuu barsiisotaa ree? Duudiinuu bilbaasa hujanii ree? Duudiinuu kennaa dhibamaa fayyisiisaa qabaanii ree? Duudiinuu afaan haareyaan dubbatanii ree? Duudiinuu afaan haareyaan ka dubbatame hiikuu dande'anii ree? Isin ammoo kennaa caaltu dhaggatu'uuf jabaadha'a. Anille karaa duudii irra caalu isinitti hin mudhisa. Afaan namootaatii fi ergantoota Waaqaatille'een dubbadhee, jaalala qabaachuu yoo dhabe, ani akka bilbila iyyuu yookiin akka sibiila qilillisuu ti. Raaga dubbatiisaaf kennaa qabaadhee, dhossaa duudii beekee, beekkunsa duudii qabaadhee, dhugeeffannaa guddoo ta gaara adde'ee buqqittu qabaadhee, jaalala qabaatuu yoo dhabe ammoo, ani womaa moti. Waan qabu mara hiyyeeyyi'iif kennee, nafi kiyyalle akka gubatuuf dabarsee kennee, jaalala qabaatuu yoo dhabe ammoo, womaa naa hin baatu. Jaalalli ossaamessa; jaalalli arja'a; jaalalli hin hinaafu; hin bondhooru; ifi hin jaju. Jaalalli jallichaa moti; jaalalli bu'aa ifii qofa hin barbaadu; jaalalli hin bilinjawu; jaalalli yakkaa hin laakkowu. Jaalalli dhuga'atti malee, hammeennatti hin gammadu. Jaalalli yennaa mara hin ossa; yennaa mara dhugeeffata; yennaa mara hin addata; yennaa mara ciniinnatee ossata. Jaalalli ijjumaa hin badu; ammoo raaga dubbatiisalle yoo te'e, hin hafa; afaan haareyaan dubbatiisalle yoo te'e, hin hafa; beekkunsalle yoo te'e, hin hafa. Sababille wonni nuuti beennu gamisa; raagi nuuti dubbanulle gamisa. Wonni mijuu teete yennaa dhuttu, wonni gamisa teete hin baddi. Ani yennaa ijoolle'ee akka ijoolle'ee dubbadhe; akka ijoolle'ee yaadadhe; akka ijoolle'ee herrege; amma ammoo, guddadheen duuba amala ijoollumma'aa lakkiseera. Wonni amma nuuti dhagginu akka daaww'itii keessaatti caararra'aan dhagginuu ti; yennaa san ilumaan hin dhaggina. Wonni ani amma beeku gamisa; yennaa san qixxee Waaqi ana beekutti, beekkunsa guutuu hin qabaadha. Yoona dhugeeffannaan, addi'ii fi jaalalli, isaan sadiinuu jabaatanee jiraatan; isaan kana keessaa ka caalu ammoo jaalala. Jaalala hordofa'a; kennaa Ayyaana Woyyichaa, keessattuu raaga dubbatiisaa akka dhaggattanu jabaadha'aa barbaada'a. Nami afaan hareeyaan dubbatu, waan inni dubbatu ka beeku waan hin jirreef, Waaqatti dubbata malee namootatti hin dubbatu; inni hunna Ayyaana Woyyichaatiin dhossaa dhuga'aa dubbata. Nami raaga dubbatu, namoota ijaariisaaf, jabeessiisaa fi jajjabeessiisaa dubbata. Nami afaan haareyaan dubbatu mataa ifii callaa ijaara; ka raaga dubbatu ammoo wolde'a kiristaanaa ijaara. Isin duudiin afaan haareyaan akka dubbattanu hin jaaladha; ammoo san caalaa kennaa raaga dubbatiisaa akka qabaattanu jaaladha. Waan afaan haareyaan dubbatame san, akka wolde'i kiristaanaa ittiin ijaramu nami tokko yoo hiike malee, nama afaan haareyaan dubbatu caalaa ka raaga dubbatutti caala. Maarre obboleeyyan tiyya! Ani mudhii yookiin beekkunsa yookiin raaga yookiin barsiisa tokko adoo hin dubbatin, afaan haareya calla'aan dubbataa gara keessan yoo dhufe, maan isinii baya? Suusullee yookiin kiraara meya lubbuu hin qanne irrattuu, qoonqoon afuufantu yookiin dhoyantu sun qoonqoo adda addaa yoo hin qabaatin, qoonqoon isaan dhageessisanu ta attamii akka teete attamiin beekkanti ree? Tultullaan afuufamee, qoonqoon isaalle qulloottee yoo beekkamuu dhadde, eennuttuu lolaaf qophowa ree? Akkasuma, wonni isin afaan haareyaan dubbattanu ka hin beekkanne yoo te'e, nami waan isin dubbattane attamiin beekuu dande'a ree? Isin akka waan qilleensatti dubbattanuu teetan. Biyya lafaa irratti afaan hedduun adda addaa jira; isaan keessaa hiikkaa ka dhabe hin jiru. Ani hiikkaa afaan dubbatamuu san yoo beekuu dhabe ammoo, nama dubbatu biratti orma te'a; innille orma anatti te'a. Maarre isin kennaa Ayyaana Woyyichaa dhaggatiisaaf eega dharraatane, waan duuchii caalaa kennaa wolde'i kiristaanaa ittiin ijaaramu akka dhaggattanu jabaadha'aa barbaada'a. Tanaaf nami afaan haareyaan dubbatu, waan dubbate san hiikuu akka dande'u daadimatuu qaba. Ani afaan haareyaan yoo daadimadhe, ayyaanni kiyya hin daadimata; qalbiin tiyya ammoo womaa hin hujju. Maan godhuu qaba? Ani ayyaana kiyyaan hin daadimadha; qalbii tiyyaalle'een ammoo hin daadimadha; ayyaanaan hin faarsa; qalbii tiyyalle'een ammoo hin faarsa. Ati ayyaana keetiin yoo Waaqa galateeffattu, nami wonni ati jettu haareya itti teetee, hiikkaa dubbi'ii hin beekin, daadimannaa galataa ta ati dhikeessitutti, “Attam Ameen” jechuu dande'a ree? Daadimannaan galataa ta ati dhikeessite dansaa teetulle, nami dhibiin ammoo ittiin hin jabaatu. Ani isin duudii caalaa afaan haareyaan waan dubbadhuuf, Waaqa galateeffadha. Te'uu malee wolde'a kiristaanaa keessatti, afaan hin beekkanneen jecha kuma kudhan dubbachuu irra, namoota dhibii barsiisiisaaf, jecha shan afaan beekkamuun dubbatuu jaaladha. Obboleeyyan tiyya! Waan hantu'uuf daa'immaan te'a'a; yaada keessaniin ammoo worra guddatane te'aa malee, daa'immaan hin te'ina'a. Barreeffama Woyyicha keessatti, “‘Ani karaa namoota afaan haareya dubbatanuutii fi karaa namoota afaan ormaa dubbatanuutiin, kolbaa tanatti hin dubbadha; tun teetulle kolbaan tiyya ana hin dhageettu’ jedha Goottaan” jedhantee barreenfanteerti. Tanaaf afaan haareyaan dubbachuun beessisa worra hin dhugeeffanneef kenname malee, worra dhugeeffateef ka kennamee moti; raagi ammoo worra dhugeeffateef malee, worra hin dhugeeffanneefii moti. Maarre wolde'i kiristaanaa marti wolitti qabamee, nami marti afaan haareyaan yoo dubbate, namooti hiikkaa dubbii sanii hin beenne yookiin worri hin dhugeeffatin yoo ol seenane isiniin, “Worri kun maraateera” hin jedhanuu ree? Ammoo isin martinuu adoo raaga dubbatiisatti jirtanuu, nami hin dhugeeffatin yookiin nami dubbiin tun isaaf hin galle yoo ol seene, waan dhage'een cubbuu ifii hubata. Akkasuma dubbii dhage'u duudi'iin isatti muranti. Dhossaan gadhaa isaa keessa jirtulle ifatti hin baati; innille addaan lafatti jigee, “Dhugumaan Waaqi odduu teessan jira” jedhaa Waaqaaf sagada. Obboleeyyan tiyya! Yoona maan jenna ree? Yennaa wolitti qabantanu isin keessaa tokko faarsiisa, tokko barsiisiisa, tokko mudhii, tokko afaan haareyaan dubbatiisa, tokko waan dubbatame hiikiisa hin qabaata. Wonni kun duudiin ammoo, wolde'a kiristaanaa ijaariisaaf te'uu ti. Worri afaan haareyaan dubbatu yoo jiraate, lama yookiin yoo heddate sadi callaan, badoo badoo'oon dubbatuu ti; nami tokko ammoo waan dubbatame san hiikuu ti. Nami hiiku yoo jiraatuu dhabe, ka afaan haareyaan dubbatu sun, ifii fi Waaqa calla'atti dubbatuu malee, wolde'a kiristaanaa keessatti cadhisuu ti. Raagoti lama yookiin sad te'anee dubbatanuu ti; worri dhibiin ammoo waan isaan jedhane qorqoruu ti. Worra tee'ane keessaa nama dhibi'iif mudhiin yoo kennanteef ammoo, ka duraan dubbatiisatti jiru sun cadhisuu ti. Nami duudiin akka baratuu fi jajjabaatu, tokko tokkoon keessan badoo badoo'oon raaga dubbatuu dandeettan. Ayyaanni raagotaa raagotaaf hin ajajama. Sababille Waaqi Waaqa nageyaati malee, ka hoga'aatii moti. Akkuma wolde'a kiristaanaa duudii keessatti te'u, dubartooti wolde'a Kiristaanaa keessatti cadhittuu ti. Akkuma Seerri Muuse'ee jedhutti, dubartooti akka ajajantu malee, akka dubbattuuf hin eeyyamanne. Wonni tokko tokko ka isaan beekiisaa barbaadanu yoo jiraatte, abbuma manaa ifii manatti gaafatanuu ti; dubartiin takka wolde'a Kiristaanaa keessatti dubbachuun fokko'o. Jechi Waaqaa isin irraa dhufee? Yookiin isin qofa geyee? Nami tokko ani raaga'a yookiin kennaa ayyaanaa qaba ka jedhu yoo jiraate, ajaji ani barreesse kun ka Gootta'aa akka te'e beekuu ti. Nami tana hin beenne ammoo, inninuu hin beekkamu. Tanaaf obboleeyyan tiyya! Raaga dubbatiisaaf jabaadha'aa barbaada'a; afaan haareyaan dubbatiisalle hin dhoogginna'a. Wonni duudiin ammoo, karaa qajeela'aa fi seeraan te'uu ti. Amma obboleeyyan tiyya! Oduu Gammadaa ta ani isinitti lallabeeruun fudhattanee, itti jabaattanee dhaabbattane, isin qaassisuu fedha. Oduu Gammadaa ta ani isinitti lallabe jabeessitanee yoo qabattane, ittiin hin fayyitan; yoo san te'uu dhadde ammoo, dhugeeffannaan teessan gatii hin qaddu. Ani waan ifiif fudhadhe ka waan duudii caalu isinii dabarseera; wonni ani isinii dabarselle: akkuma Barreeffama Woyyicha keessatti barreenfante Kiristoos cubbuu teennaaf du'ee, awwaalamee, akkuma Barreeffama Woyyicha keessatti barreeffantetti, guyyaa sadiin duuba du'aa ka'eera ta jettu. Inni Pheexroositti mudhattee, achiin duuba barattoota ifii kudhanii lamatti mudhate. Saniin duuba hordofattoota ifii ka dhibba shaniin ol te'anutti yennaa tokkotti mudhate; hedduun isaanii haga ammaa hin jiran; gariin ammoo du'aneeran. Yaaqoobitti mudhateen duuba ammoo, ergantoota maratti mudhate. Muummee irratti ana nama akka sadheessaa te'elletti mudhate. Ani ergantoota duudii keessaa diqqa'a; wolde'a Kiristaanaa ka Waaqaa irralle'etti waan miidhaa geessiseeruuf ergamaa jedhamiisaaf nama te'uu moti. Amma ammoo badhaadha Waaqaatiin akka amma te'e kana te'ee dhaggama; baadhaadhi inni anaaf kennelle akkanumaan hin hanne. Ani ergantoota taan caalaa dadhabee hujeera; tana ka huje badhaadha Waaqaa ka ana woliin jiru malee, anaa moti. Maarre analle te'e isaan, woma kana lallana; isinille waanuma kana dhugeeffattane. Kiristoos du'aa akka ka'e eega lallabame, isin keessaa worri gariin attamiin du'aa ka'iis worra du'ee hin jiru jedhan ree? Du'aa ka'iis worra du'ee yoo hin jiraatin, Kiristoosille du'aa hin kaane jechu'u. Kiristoosille yoo du'aa ka'ee hin jirre teete, lallabi keenna gatii hin qabu; dhugeeffannaan teessanille gatii hin qaddu jechu'u. Waaqi, Kiristoos du'aa kaaseera jennee, dhugaa bayiisa keennaan dhugaa baatota Waaqaa, dharaameyyii teenee dhagganneerra. Worri du'e dhugumaan du'aa ka hin kaane yoo te'e, Waaqi ammoo Kiristoos du'aa hin kaanne jechu'u. Sababille worri du'e ka hin kaafanne yoo te'e, Kiristoosille du'aa ka'ee hin jiru. Kiristoos yoo du'aa kaafamee hin jirre teete, dhugeeffannaan teessan gatii hin qaddu; haga ammaan tanaalle cubbu'uun jirtan. Yoo akkana teete worri Kiristoositti dhugeeffatee du'e badeera jechu'u. Jiruu biyya lafaa tana calla'aaf Kiristoositti yoo addannee jiraanne, namoota duudii caalaa ka nayuu qabanuuf nu'u. Kiristoos ammoo dhugumaan du'aa ka'ee, worra du'eef angafa te'ee du'aa ka'a isaanille mirkaneesse. Duuti karaa nama tokkootiin akkuma dhutte, du'aa ka'iis worra du'eelle karaa nama tokkootiin dhutte. Nami marti akkuma Addamiin du'u, akkasuma nami marti Kiristoosiin jiruu hin dhaggata. Tun tokko tokkoofuu badoo badoo'oonuu teeti; Kiristoos du'aa ka'ee angafa akkuma te'e, worri ka Kiristoosii te'anelle, yennaa inni dhufu du'aa hin ka'an. Achiin duuba Kiristoos bulchitoota, worra baallii qabuu fi hunna qabu balleessee, mootummaa Waaqa Abba'atti yennaa kennu, muummeen biyya lafaa hin teeti. Waaqi diinota isaa mara miila isaa jala haga keyutti, Kiristoos moowuu qaba. Diinni injifatamee muummee irratti badu du'a. Barreeffam Woyyichi, “Waaqi waan mara miila isaatiin jala godheera” jedha. “Waan duudii miila isaatiin jala godheera yennaa jedhu, Waaqi waan duudii miila Kiristoosiitiin jala godhe, ifiif ammoo miila jala akka hin galiin ifa. Wonni duudiin baallii Kiristoosiitiin jala teeteen duuba, Ilminuu Waaqa waan duudii isaan jala godhe jala ifi godha; Waaqille waan mara guutumatti hin bulcha. Worri du'e ka hin kaane yoo te'e, namooti marroo worra du'eetiif jedhanee cuuphamanu bu'aan isaanii maan ree? Worri du'e ka hin kaane yoo te'e, kolbaan tun maaf addee isaanii cuuphanti ree? Nuutille maaf yennaa mara balaa keessa ifi galchina ree? Obboleeyyan tiyya! Guyyaa guyya'aanuu duuti ana dhaqqaddi. Karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isiniin waan ifi jajuuf, ani tana isinitti hima. Akka yaada namaa qofaan, Efesoon keessatti bineensaan wol loluun kiyya bu'aan maan ree? Worri du'e ka hin kaane yoo te'e, “Boru waan duunuuf, kowa'a hin nyaanna, hin unna” akkuma jedhante te'uu isi'ii ti. Hin gowwoomina'a! “Hari'aan badduun amala dansaa balleessiti”. Gara qalbii teessanii deebi'a'a. Cubbuulle hin hujina'a. Isin keessaa worri gariin ka Waaqa hin beenne jira. Ani sin qaanessiisaaf tana dubbadha. Nami tokko, “Worri du'e attamiin ka'a? Yennaa du'aa ka'anu nafa attamii qabaatan ree?” jedhee gaafata fa'a. Ati gowwa'a! Midhaan ati facaattu yoo du'e malee, mudhee jiruu hin qabaatu. Sanyiin qamadi'ii yookiin midhaan dhibiin ka ati facaattu, sanyuma qofa malee, nafa midhaanii ka latu sanii moti. Waaqi ammoo akka jaalatetti nafa hin kennaaf; tokko tokkoofille akkuma gosa sanyi'iititti nafa hin kennaaf. Foon marti tokkoo moti; foon namaa gosa tokko; foon bineensaa ka dhibi'i; ka sinbirrootaa ka dhibi'i; ka qurxummi'iille ka dhibi'i. Nafi worra ol-gubba'aa jira; nafi worra lafaalle jira. Teetuu malee ulfinni nafa worra ol-gubba'aa gosa tokko; ulfinni nafa worra lafaalle gosa dhibi'i. Ulfinni adu'uu gosa tokko; ulfinni ji'aa ka dhibi'i; ulfinni urjootaalle gosa dhibi'i; urjiin takka ulfinna urjii dhibi'ii irraa adda te'e qaddi. Ka'iis worra du'eelle akkasuma te'a. Nafi du'ee awwaalamee badu, nafa jiraataa hin banne te'ee ka'a. Nafi salphinnaan awwaalame, ulfinnaan hin ka'a; nafi dadhabaan awwaalame, hunnaamessa te'ee hin ka'a. Nafa foonii te'ee ka awwaalame nafa ayyaanticha te'ee hin ka'a. Maarre nafi foonii eega jiraate, nafi ayyaantichille jira. Barreeffam woyyichi, “Nami qaraa Addaam foon jiruu qabu te'e” jedha; Addaamiin duuba ammoo, Ayyaana jiruu kennu te'e. Ka dura dhufe nafa fooniiti malee, nafa ayyaantichaa moti. Nafi ayyaantichi nafa foonii saniin duuba dhufe. Nami duraa Addaam lafa irraa waan dadameef, nama biyya lafaati; namichi lammeesso'oo ol-gubbaa irraa dhufe. Worra lafaa ka te'ane, namicha lafa irraa dadame fakkaatan; worra ol-gubba'aa ka te'ane nama ol-gubba'aa dhufe fakkaatan. Nafa nama lafa irraa dadamee akkuma fakkaannu, akkasuma nafa nama ol-gubba'aalle hin fakkaanna. Obboleeyyan tiyya! Nami foonii fi dhiigaan mootummaa Waaqaa dhaaluu akka hin dandeenne, yookiin nafi du'aan badu nafa jiraataa hin banne akka hin dhaalle isinitti hima. Ani dhossaa takka isinitti hima. Nuuti maraa hin jijjiiranna malee hin duunu. Tultullaan muume'ee yennaa afuufamu, nuuti akka lipheettii ilaa takkumaan hin jijjiiranna. Tultullaan hin afuufama; worri du'e ka hin banne te'ee hin ka'a; nuutille hin jijjiiranna. Nafi badu kun ka hin banne, nafi du'u kunille ka hin duune uffatuu qaba. Maarre nafi badu kun ka hin banne, nafi du'u kunille ka hin duune yennaa uffatu, Barreeffam woyyichi, “Duuti injifacha'aan liqinfante”; akkasuma, “Du'a! Injifannaan teeti meet? Du'a! Hunni ati namaan miitu meet?” jedhu hin muummoya. Hunni ilkattii du'aa cubbu'u; hunni cubbu'uulle seera. Ammoo Waaqa Karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin injifachaa nu'uu keennuuf galanni te'u! Tanaaf obboleeyyan tiyya ta jaalatantane! Jabaadha'aa dhaabbadha'a. Waan tokkolle'een hin daaqina'a. Hujii Gootta'aatiif ka dadhaddanu toluma akka hin te'in beeka'aatii, yennaa mara hujii Gootta'aa hujiisaaf jabaadha'a. Amma marroo gargaarsa kolbaa Waaqaa ilaalchisee, waan ani wolde'a kiristaana Galaatiya'aatii hime, isinille godha'a. Ani yennaa dhufu beesee akka hin guurre, torbaan torbaaniinuu guyyaa dilbataa nami tokko tokkonuu, haguma galii ifiititti baasii addaan baasee keyuu ti. Ani yennaa dhufu, worra isin filattaneef xaleyaa geegessa'aa kennee, kennansa isin kennitane gara Yerusaalemii akka geessanuuf hin erga. Akka ani dhaquuf barbaachisaa yoo teete ammoo, isaan na woliin hin dhaqan. Ani karaa Meqedooniya'aatiin dhaqiisaaf waan hedeef, biyya Meqedooniya'aa keessa tareen duuba, gara keessan hin dhufa. Gargaarsa addee ani dhaqu maraaf anaa te'u akka anaaf gootanu, ani isin bira hin tura fa'a te'a. Ani ganna guutuulle isin bira turuu dande'a fa'a. Amma yennaa taru isin dubbisuu hin barbaadu; yoo Goottaan jedhe, yennaa diqqoo dheertuu isin bira akka turu hin addadha'a. Haga guyyaa jila Phenxeqoosxe'eetitti ammoo, qachaa Efesoonii keessa hin tura. Balbalti badhoon bu'aa qabeettiin anaaf bananateerti. Worri ana mormu ammoo heddu'u. Ximootewoos gara keessan yennaa dhufe, akka inni sodaa malee isin woliin tee'u akka gootanu hubadha'a; sababille inni akkuma kiyya hujii Gootta'aa hujaara. Nami tokkolle isa hin tuffatin; ammoo akka inni nageyaan gara kiyya deebi'u isa gargaara'a. Deebi'iisa isaa obboleeyyan woliin eegisatti jirra. Marroo obboleessa keenna Apholoosiille, akka inni obboleeyyan dhibii woliin dhufee isin ilaaluuf, guddoo isa magannifadhe. Inni ammoo amma dhufiisa hin barbaadu; te'uu malee yoo itti tolte hin dhufa. Dammaqa'a; dhugeeffanna'aan jabaadha'aa dhaabbadha'a; jajjabaadha'aa, jabaadha'a. Waan hujjanu mara jaalalan huja'a. Obboleeyyan tiyya! Isxifaanoosii fi maatiin isaa lafa Akaayya'aa keessatti kiristaana jalqabaa akka te'anee fi dhugeeffattoota tajaajiliisaaf akka ifi kennane hin beettan. Namoota akkasiitii fi worra isaan woliin hujaa dadhabanuuf akka ajajantanuuf isin kadhadha'a. Dhutti Isxifaanoosii, Fortunaaxosiitii fi Akaayqosisii guddoo na gammachiiteerti. Sababille waan isin ana woliin as hin jiraatiiniif, waan na irraa dhidhate naa guutaneeran. Isaan gadhaa kiyyaa fi keessan gabbi tolchaneeran. Worra akkasii kana yaadadha'a. Wolde'ooti kiristaanaa ka Asiyaa keessa jiranu nageya isiniif dhaaman; Aqiila'aa fi Phirsikaan, wolde'a kiristaanaa ka mana isaaniititti wolitti qabamu woliin maqaa Gootta'aatiin nageya isinii dhaaman. Dhugeeffattooti asi jiranu duudiin nageya isinii dhaaman. Sunqata woyyichaan nageya wol fuudha'a. Nageya kana ani Phawuloos harukuma kiyyaan isinii barreesse. Ka Goottaa hin jaalanne yoo jiraate, ka abaarame te'uu ti! Goottaa keenna koottu! Badhaadhi Goottaa keenna Yesuusii isin woliin jiraatu. Jaalalli kiyya karaa Kiristoos Yesuusiitiin isin duudii woliin jiraatu. Ameen. Ana Phawuloosii fedha Waaqaatiin ergamaa Yesuus Kiristoosii te'ee fi obboleessa keenna Ximootewoos irraa, wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa, ka qachaa Qorontoosii keessa jiruu fi kolbaa Waaqaa ta lafa Akaayya'aa duudii keessa jirtu maraaf: Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya isiniif kennu. Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, Abbaa mararti'iitii fi Waaqa jajjabeenna maraatiif galanni te'u. Nuuti jajjabeenna Waaqa irraa dhagganeen, worra rakkinna adda addaa keessa jiru akka jajjabeessinuuf, Waaqi rakkoo teenna duudii keessatti nu jajjabeessa. Akkuma rakkinna hedduu Kiristoosii qoodanne, akkasuma Kiristoosiin jajjabeenna hedduu dhagganna. Nuuti yennaa rakkannu isin jajjabeennaa fi fayyinna dhaggattan; yennaa jajjabaannulle rakkoo akka nuuti fudhannee, isinille ossaan fudhattanee hin jajjabaattan. Isin rakkoo teenna akkuma qoodantanu, akkasuma jajjabeenna nuuti fudhannu akka qoodantanu waan beennuuf, addiin nuuti isin irratti qannu ijjumaa hin tachootu. Obboleeyyan tiyya! Rakkoo lafa Asiya'aa keessatti nu dhaqqadde, akka beettanu barbaanna. Rakkoon nu dhaqqadde sun guddoo ulfaattu'uu fi hunna teennaan ol waan teeteef, addii jiru'uun le'iisaa kutanneerraayyu. Akka waan muraan du'aa nutti murantee nu'utti dhage'ameeraayyu; ammoo Waaqa worra du'ane kaasu callaa malee, ifii keenna akka hin addanneef tun teete. Waaqi balaa du'aa ka akkasii jalaa nu baaseera, hin baasalle'e; ammalle akka nu baasu addii isatti godhanneerra. Isinille daadimannaa teessaniin nu qarqaaruu qaddan. Daadimannaa heddu'uun qarqaarsa Waaqaa yennaa dhaggannu, worri hedduun sababa keennaaf Waaqa hin galateeffata. Amma wonni nuuti ifi jajannuun kana: Le'iin nuuti biyya lafaa tana keessa leene, keessattuu akki nuuti isin woliin leene, woyyumma'aa fi qajeelummaa Waaqa irraa dhagganneen akka te'e wodaanaan keenna dhugaa baya. Kunille badhadha Waaqaatiin malee, qarummaa namaatiinii moti. Nuuti waan isin dubbifattanee hubatu'uu dandeettanu malee, waan dhibii womaa isiniif hin barreessinu. Isin amma marroo teenna gamisa beettan; duuba irra ammoo guutattanee akka hubattanu hin addadha. Sababa kanaan guyyaa Goottaan Yesuus dhufu akkuma nuuti isiniin ifi jajanu, isinille nu'uun ifi jajjan. Ani waan kana waan beekeeruuf, yennaa lama akka isin fayyadantanuuf jedhee, matooma gara keessan dhufiisaaf karoora baafadheeraayyu. Ani gara Maqedooniya'aa yennaa taruu fi achii yennaa deebi'u isin ilaaliisaaf karoora baafadheerra. Isinille yennaa san deensa kiyya ka ani gara lafa Yihuda'aa dhaquuf na hin qarqaartan jedhee yaadadheera. Yennaa karoora kana baafadhe, nama yaada lamaa isinitti fakkaadhaa? Yookiin tana karoorfatiisaan yennaa tokkotti “Eeti'ii” fi “Waawwo'o” jedhaa yaada namaatiin waan godhe seetanii? Waaqi addatamaa waan te'eef, wonni nuuti isinitti hinnu jecha yaada lamaa ka “Eeti'ii” fi “Waawwo'o” jedhuu moti. Ilmi Waaqaa Yesuus Kiristoos ka Sillaas, Ximootewoosii fi ani odduu teessanitti lallanne jecha yennaa maraa, “Eeti'i” jedhuun malee, jecha yaada lamaa ka, “Eeti'ii” fi “Waawwo'o” jedhuunii moti. Waadaan Waaqi nu'uuf gale duudiin karaa Kiristoosiitiin, “Eetii” te'a. Tanaaf nuutille ulfinna Waaqaatiif karaa Kiristoosiitiin, “Ameen” jenna. Nuuti isin woliin Kiristoositti akka jabaannu ka godhe Waaqa; hujii tanaaf ka nu muudelle isa. Ka isaa te'uu keennaaf beessisa ifii nu irratti godhee, karra hegeri nuu kennuuf akka qaddi'iititti Ayyaana Woyyicha ifii gadhaa keenna keessa ka keye isa. Wonni ani gara lafa Qorontoosii deebi'ee dhufuu dhabeef, akka isin hin gaddisiinne isiniif nayeeti; kanalle'eef Waaqi anaaf dhuga'a. Isin dhugeeffanna'aan jabaattanee waan dhaabbattaneef, akka gammaddanuuf isin woliin hujaarra malee, dhugeeffannaa teessan irratti ifi goottonsiisaafii moti. Ani deebi'ee isin gaddisiisu'uuf gara keessan akka hin dhunne murteeffadheera. Ani yoo isin gaddisiiselle, isinuma worra ani gaddisiise malee, eentu na gammaachiisa ree? Ani gara keessan yennaa dhufu, worri na gammachiisu'uu male akka ana hin gaddisiinneef jedhee, akka san isiniif barreesse. Sababille gammadi kiyya gammada keessan maraa akka te'e hin addadha. Gadda gudda'aan, gadhaa laalatee fi imimmaan hedduu buusee wonni isiniif barreesse, akka ani guddoo isin jaaladhu akka beettanuuf malee, isin gaddisiisiisaafii moti. Nami nama gaddisiise yoo jiraate inni ka gaddisiise anaa moti; yakka itti o'isiisa hin te'in malee, gara tokkoon inni isin duudii gaddisiise. Nama akkasii kana, adabbiin isin hedduun adaddane hin geetti. Namichi kun guddoo gaddiisa irraa ka ka'e addii akka hin kutanne, isaaf araarantanee jajjabeessuu qaddan. Maarre isa jaalatuu keessan akka mirkaneessitanu isin kadhadha. Ani haga isin ilaalee, waan maraan ka ajajantanu te'iisa keessan beekiisaaf isiniif barreesse. Nama isin araarantanuuf, anille hin araaramaaf. Wonni ani namaaf araaramu'uu male yoo jiraatte, sababa keessaniif jedhee fuula Kiristoosii duratti araarameera. Hujii hantuu seexanaa waan beennuuf, akka inni nu hin gowwoonsineef jedhee tana godhaara. Oduu Gammadaa ta Kiristoosii lallabiisaaf, yennaa ani gara qachaa Xiro'aasii dhaqe, Goottaan balbala tajaajilaa anaaf baneeraayyu. Ammoo obboleessa kiyya Tiitoos achitti waan dhagguu dhabeef, yaadi kiyya hin foorfanne. Maarre worra achi jirutti nageya dhaamee gara Maqedooniya'aa tare. Waaqa yennaa mara karaa Kiristoosiitiin injifattoota nu godhee, nu qajeelchuu fi beekkunsa marroo Kiristoosiitiif qannu akka uddawaa foolee dansaa qabuu, addee mara akka dhaqqassinnu nu godhuuf galanni te'uu ti. Nuuti worra fayyuufille te'e, worra baduuf akka dakkara foolee dansaa qadduu teenee, Kiristoosiin worra Waaqaaf dhikaateeru. Nuuti, worra baduuf foolee gara du'aa geessitu; worra fayyuuf ammoo foolee gara jiru'uu geessitu. Yoona hujii akkasii tanaaf ka dandeettii qabu eennu? Nuuti akka worra Waaqaan ergameetitti tajaajiltoota Kiristoosii teenee, fuula Waaqaa duratti gadhaa qullu'uun dubbanna malee, akka namoota hedduu Jecha Waaqaa bu'a'aaf daldalanuutii moti. Nuuti ammalle ifi saaduu jalqabaarraa? Yookiin akkuma worri gariin godhu xalayaa deeggarsaa gara keessan fidatuu yookiin isin irraa fudhatuu nu barbaachisaa ree? Xalayaan keenna ka akka nami duudiin beekuu fi dubbisuuf gadhaa keenna keessatti barreeffameeru isinuma. Isin tajaajila keennaan xalayaa Kiristoosii te'uun keessan ifa. Xalayaan kun qalamaan adoo hin te'in, Ayyaana Waaqa jiraata'aatiin, gabatee dhaka'aa irratti adoo hin te'in gadhaa namaa keessatti barreeffameera. Nuuti karaa Kiristoosiitiin Waaqatti addii waan qannuuf tana jenna. Nuuti dandeettii teennaan tana goona waan jennu takkaalle hin qannu; dandeettiin teenna Waaqa irraa dhutti. Tajaajiltoota Gondooroo Haareyaa akka teenuuf ka dandeetti nu'uuf kenne isa; gondooroon tun ta Ayyaana Woyyichaati malee, ta seera qube'een barreeffameetii moti. Seerri qube'een barreeffame du'a fida; Ayyanni Woyyichi ammoo jiruu kenna. Seerri dhakaa baxxicha irratti qube'een bocameeraayyu; ifi yennaa seerri kenname jiru kuun badaa ka deemu te'ulle, kolbaan Isiraa'elii fuula muuse'eetitti ila qaddee ilaaliisaaf hin dandeenne. Egasuu seerri du'a fide ulfinna akkanaatiin yoo mudhate, tajaajilli karaa Ayyaana Woyyichaatiin dhaggamu ulfinna kana caalu attam hin qabaanne ree? Tajaajilli yakkaa namatti muru ulfinna haganaa ka qabu yoo te'e, tajaajilli nama balchoonsu attam ulfinna caalu qabaatuu dhaba ree? Ulfinni duuba irraa ka akka malee caalu waan te'eef, ulfinni dur tare akka woyi hin qanneetitti laakkowama. Wonni caararrowaa deentuuyyuu ulfinna haganaa ka qaddu eega teete, wonni haga bara baraa jiraatu ammoo ulfinna akka malee caalu attam hin qabaanne ree? Addii akkanaa waan qannuuf, sodaa malee dubbanna. Nuuti akka muuse'eetii moti; inni calalaqa fuulaa ka badu san kolbaan Isiraa'elii akka hin dhaggineef fuula ifii gollate. Qalbiin isaanii dhugumaan dillootteerti; haga guyyaa adhaalle kitaaba gondooroo dullatti'ii yennaa dubbisanu qalbiin isaanii gollaa saniin akkuma gollanteen jirti. Gollaan tunille karaa Kiristoosii qofaan ka baddu waan teeteef tun teete. Haga adhaalle yennaa isaan kitaaba Seera Muuse'ee dubbisanu mara, qalbiin isaanii golla'aan gollanti. Ammoo yennaa nami gara Gootta'aa deebi'u gollaan hin baddi. Goottaan Ayyaana; addee Ayyaanni Gootta'aa jirutti bilisummaan hin jirti. Nuuti duudiin fuula hin gollamiiniin, ulfinna Waaqaa akka daaw'iti'iin mudhatuutitti hin calalassina; nuutille bifa Goottaa Ayyaana te'ee fakkaatiisaaf ulfinna irraa gara ulfinna hin jijjiiranna. Waaqi marartii ifiitiin tajaajila kana waan nu'uu kenneef addii hin kutannu. Nuuti waan dhossa'aa fi fokkisiisaa te'e lakkinneerra; maltumma'aan hin hunyu; Jecha Waaqaalle hin micciirru; addee akkasii dhugaa ifatti baannee mudhinna; ifille wodanaa nama maraatiif fuula Waaqaa duratti ifa goona. Oduun Gammadaa ta nuuti lallannu yoo gollantelle, worra baduuf gollante. Bulchaa biyya lafa tanaa ka te'e Seexxanni qalbii worra hin dhugeeffannee jaanseera; inni Oduu Gammadaa ta ulfinna Kiristoosii isaanii issitu, ta bifa Waaqaatiin mudhatte akka isaan hin dhaggine godheera. Nuuti Yesuus Kiristoos Goottaa akka te'ee fi nuutille marroo isaatiif tajaajiltoota teessan akka teene lallabaarra malee, marroo teennaa moti. Waaqi, “Ifi dukkana keessatti ifuu ti” jedhee dubbate, ifa beekkunsa ulfinnna ifii ka fuula Kiristoosii irraa mudhatu, gadhaa keenna keessatti akka ifu godhe. Ammoo hunni waan duudii irra caaltu tun, Waaqa irraa malee nu'u irraa akka hin te'in akka beekkamuuf karra ayyaantittii tana akka okkotee faaraa teenee qabanneerra. Karaa maraan hin rakkanna, ammoo hin injifatannu; yennaa hedduu waan goonu hin wollaalla, ammoo addii hin kutannu. Miidhaan nu'u irra hin geya, ammoo jaalota dhannee hin beennu; dhowannee hin jinna, ammoo hin duunu. Jiruun Yesuusii nafa keenna irratti akka mudhatu, yennaa duudii du'a isaa nafa keenna irratti ba'annee deddeenna. Jiruun Yesuusii nafa keenna ka du'u irratti akka mudhattuuf, nuuti worri jirruuyyuu marroo Yesuusiitiif yennaa mara du'aaf dabarfannee hin kennanna. Maarre nuuti yennaa maraa afaan du'aa jirra, isin ammoo afaan jiru'u jirtan. Teetuu malee Barreeffama Woyyicha keessatti, “Ani dhugeeffadhe; tanaaf dubbadhe” akkuma jedhante, nuutille ayyaanuma dhugeeffanna'aa san waan qannuuf hin dhugeeffanna. Sababa kanaaf hin dubbanna. Waaqi ka Goottaa Yesuus du'aa kaase, nu'ulle Yesuus woliin akka kaasuu fi isin wolille'een ifi duratti akka dhikeessu hin beenna. Akkuma badhaadhi Waaqaa irra caalaa fakkanaa worra hedduu dhaqqabaa deemuun, worri ulfinna Waaqaatiif galata dhikeessu akka heddatuuf tun duudiin isiniif teete. Tanaaf addii hin kutannu. Nafi keenna ka gubba'aa dulloomaa dadhabaa jiraatulle, nafi keenna ka keessaa guyyuma guyya'aan hin haareffama. Rakkoon teenna diqqo'oo fi ta haga yenna'aa tun, ulfinna guddaa bara baraa ka haga hin qanne akka dhaggannu nu gooti. Nuuti ka eegannu waan hin mudhanne malee, waan mudhatuu moti. Wonni mudhatu ka haguma yenna'aa ti; wonni hin mudhanne ammoo ka haga bara baraa ti. Nafi keenna ka lafa tanaa, ka akka dunkaanaa keessa leenu yennaa diigame, mana harka namaatiin hin ijaaramin, ka Waaqi ol-gubba'atti ijaare akka qannu hin beenna. Ammaa tana nuuti nafa ol-gubba'aa uffatiisaaf dharra'iisaan aadiisatti jirra. Isa san yennaa uffanne qullaa jiraannee hin dhaggannu. Dunkana lafa tanaa keessa haga jirru, ba'aan nu'utti ulfaattee aadaarra; wonni nuuti aadaarruuf duuti jiru'uun jijjiirantee, nafa ol-gubba'aa akka uffannuuf malee, nafa keenna ka lafa tanaa irraa adda bayiisa barbaanneetii moti. Jijjiirama kanaaf ka nu qopheesselle Waaqa; san caalaalle waan nu'uuf kennamu maraaf akka qaddii te'uuf, ayyaana ifii ka nu'uuf kenne isa. Nafa keenna ka lafa tanaatiin haga jirru, Goottaa irraa ka fagaanne akka teene yoo beennelle, yennaa maraa isatti addanna. Nuuti ka jiraannulle dhugeeffanna'aan malee, isa dhaggiisaanii moti. Nuuti nafa akka mana keennaa te'e kana irraa adda baanee, Goottaa woliin jiraatiisaaf hin halchina; tanaaf ifi addi'iin leena. Nuuti nafa keenna kanaan jiraannulle, jiraatuu dhannulle, yaadi keenna Goottaa gammachiisu'u. Nami tokko tokkonuu nafa ifiitiin adoo jiruu, waan dansaalle te'e hantuu godheef, akkuma hujii ifiititti gatii dhaggatiisaaf, nuuti martinuu fuula barcumaa mura'aa ka Kiristoosii duratti dhikaatuu qanna. Tanaaf Goottaa sodaachuun maan akka te'e waan beennuf, worra dhibii hin hubachiinna. Nuuti maan akka teenelle Waaqi hin beeka; isinille gadhaa keessan keessatti nuuti maan akka teene akka beettanu hin addadha. Worra keessa ifiitiin adoo hin te'in, waan alaan mudhatuun ifi jajanuuf deebii kenniisa akka dandeettanu, nu'uun akka ifi jajjannuuf malee, nuuti ammalle deebinee ifi saadiisaafii moti. Nuuti maraataa yoo teene Waaqaaf jennee ti; worra qalbii qabu yoo teenelle isiniif jennee ti. Kiristoos nama duudi'iif akka du'ee fi nami duudiin du'a isaa ka qoodamu akka te'e waan hubanneef, jaalalli isaa nu dirqisiisa. Worri jiru'uun jiru duudiin, isaaniif jedhee ka du'ee du'aa ka'eef akka le'anuuf malee, haganaa achi akka ifiif hin leene, Kiristoos nama maraaf du'e. Maarre nuuti ammaa achi eennulle'etti fuula ilaallee hin murru. Tanaan qara Kiristoositti akkana gooneelle yoo jiraanne, haganaa achi akkana hin goonu. Tanaaf eennulle Kiristoosiin yoo jiraate inni dadaa haareya; dadaan dullattiin tartee, dadaan haaretti dhutteerti. Tun duudiin Waaqa karaa Kiristoosiitiin ifi woliin nu araarsee fi tajaajila araarsiisaa nu'uu kenneen teete. Tunille Waaqi Kiristoosiin kolbaa biyya lafaa duudii ifi woliin araarsiisatti jiraayyu jechu'u; yakkaa namootaalle itti hin laakkonne; nu'ulle'eef jecha namoota Goottaa woliin araarsinu kenne. Waaqi karaa keennaan namoota waan yaamuuf, nuuti bakka bu'oota Kiristoosii ti; tanaaf, “Waaqa woliin araarama'a” jennee maqaa Kiristoosiitiin isin kadhanna. Akka nuuti worra karaa Kiristoosiin tokkummaa dhugaamettii Waaqaa woliin qoodamu teenu, Waaqi Kiristoosii cubbuu hin qanne, akka cubbuu teenna mara ba'atu godhe. Nuuti Waaqa woliin ka hunyu waan teeneef, badhaadha Waaqaa ka fudhattane akkanumaan hin balleessina'a jennee isin kadhanna. Waaqi, “Yennaa fudhatama qaddutti ani si caqase; Guyyaa fayyinna keetii, ani si qarqaare” jedha. Kunoo dhage'a'a yennaan fudhatama qaddu amma; guyyaan fayyinnaalle adha. Tajaajilli keenna akka hin tuffatanne, eennulle'eef gufuu hin teenu. Addee akkasii waan goonu maraan akka tajaajiltoota Waaqaatitti rakkoo, farraa fi muddama ossiisaan ifi dhikeessina. Akki ifi dhikeessinulle: dikamiisaan, hidhamiisaan, raafamiisaan, huji'iin dadhabiisaan, hirriiba dhabiisaa fi beelaan; akkasuma qulqullumma'aan, beekkunsaan, ossaan, arjumma'aan, Ayyaana Woyyichaan sooreffamiisaa fi jaalala dhuga'aatiin, jecha dhuga'aatii fi hunna Waaqaatiin. Hubiisaa fi ifi irraa dhooggatiisaafille, meyi keenna ka woraanaa balchumma'a. Nuuti ulfinnaa fi salphinnalle fudhanneerra; komatamiisaa fi leellifamiisalle fudhanneerra; dhugaameyyii adoo teeneerruu, dharaameyyii jedhanneerra; ka beekkanne adoo teeneerruu, akka hin beekkamin teene; du'aneeran yoo jedhanu, jiru'uun jiraannee dhagganna; dikannulle hin ijjeefanne; gaddi nu dhaqqabulle, yennaa mara hin gammanna; hiyyeeyyii adoo teeneerruu worra hedduu dureeyyii goona; womaa ka hin qanne adoo teeneerruu, waan maraa qanna. Worra Qorontoos keessa leetanu! Nuuti ifa tolchinee isinitti dubbanneerra; gadhaa keennalle badhinnee isinii banneerra. Isinumatti gadhaa nu irraa kutate malee, nuuti isin irraa hin kutanne. Akkuma nuuti gadhaa isinii badhanne, isinille gadhaa nu'uuf badhadha'aa jedhee akka ijoollee tiyyaatitti isinitti dubbadha. Worra hin dhugeeffanne woliin hin xaxamina'a. Balchumma'aa fi cubbuun attam wol qabatuu dande'an? Ifaa fi dukkanti attam woliin jiraatuu dande'an? Kiristoosii fi Seexanni attam wolii galuu dande'an? Nami dhugeeffatuu fi nami hin dhugeeffanne maan woliin qaba? Galmi Waaqaa, waaqota dharaa woliin woliigaltee maan qaba? Akkuma Waaqinuu, “Mana kiyya kolbaa tiyya oddu'utti hin godha; odduu isaaniille hin le'a; Ani Waaqa isaanii hin te'a, isaanille kolbaa tiyya hin te'an” jedhe, nuuti Galma Waaqa jiraata'aati. Ammalle Goottaan, “Isin odduu isaaniitii foyama'atii baya'a; waan battii te'e hin tuqina'a. anille isin hin fudhadha'a; Ani Abbaa keessan hin te'a, isinille ilmaan tiyya ta dhiiraatii fi durraa hin teetan jedha Goottaan waan mara dande'u” jedheera. Jaalota tiyya, addiin tun duudiin waan nu'uu kennanteef, waan nafaa fi ayyaana keenna xureessu duudii irraa kowa'a ifi qulqulleessina; Waaqalle sodaataa woyyummaan teenna mijuu akka teetu kowa'a goona. Gadhaa nuu badhadha'a. Nuuti nama tokkolle hin yakkine; nama tokkoolle hin miine; yookiin eennulle itti fayyadama keenna hin godhanne. Ani yakkaa isinitti muru'uuf tana jedhiisatti hin jiru; akkuma ani tanaan qara isinitti hime isin gadhaa keenna keessa jirtan. Tanaaf jiru'uu fi du'alle'een yennaa mara isin irraa gargar hin baanu. Addiin ani isin irratti qabu guddo'o; guddoo isiniin ifi jaja; guddoolle jajjabaadheera; rakkoo teenna mara keessatti ani akka malee gammade. Yennaa lafa Maqedooniya'aa geennelle, rakkoon karaa adda addaatiin nu dhaqqadde malee hin foorfanne; alaan lola, keessa keennaan sodaa qannaayyu. Waaqi worra se'a cabe jajjabeessu ammoo, dhufa Tiitoosiitiin nu jajjabeesseera. Nuuti dhufa isaa qofaan adoo hin te'in, akka isin isa jajjabeessitanelle waan dhageenneef jajjabaanneerra. Akkasuma dharraa, gaddaa fi yaaddoo anaaf qaddanu yennaa nu'utti hime, ani caalaa gammade. Ergaan ani tanaan qara isiniif barreesse ta isin gaddisiittu teetulle, ergaa san waan barreesseef hin gaabbu; gaabbee yoo jiraadhelle ergaan tiyya haga diqqo'oof waan isin gaddisiitteef gaabbe. Amma ammoo waan isin gaddisiiseef adoo hin te'in, gaddi keessan akka cubbuu irraa deebitanu waan isin godheef ani hin gammada. Gaddi keessan akka fedha Waaqaa waan te'eef, nuuti waan tokkolle'een isin hin miine. Gaddi akka fedha Waaqaa te'e, nama cubbuu irraa deebisee gara fayyinnaa geessa malee, hin gaabbisiisu. Gaddi biyya lafaa ammoo du'a fida. Gaddi keessan ka akka fedha Waaqaa te'e kun haajamuu attamii, falmata attamii, mufii attamii, sodaa attamii, dharraa attamii, hinaaffaa attamiitii fi dokonkora adabiisa akka feetanu akka isin godhe ilaala'a. Isin ammoo waan ani tanaan dura isinii barreesse irraa bilisa akka teetane mirkaneessitaneertan. Maarre ani isiniif barreessulle, hinaaffaan isin fuula Waaqaa duratti nu'uuf qaddanu akka isiniif ifa teetu malee, marroo nama yaakkaa hujeetii fi yakkametiifii moti. Jajjabeenna keenna caalaa gammada Tiitoos dhaggateen ka caalu gammanneerra; wonni nuuti gammanneefille isin duudiin Tiitoos waan jajjabeessitanee fi yaada isaa foorfachiittaneef. Ani ifi jajiisa isiniin qabu Tiitoositti himeeraayyu; isinille ana hin qaanessine; nuuti yennaa maraa dhugaa isinitti hinneerra; maarre ifi jajiisi marroo teessaniif Tiitoositti hinne, dhugaa akka teete mirakanootteerti. Isin duudiin Tiitoosiif ajajamaa, soda'aa fi roromiisaan akka isa fudhattane yenna qaabatu, jaalaltiin inni isiniif qabu ittuma ede'ante. Ani karaa maraan isinitti addatiisa waan dande'eef guddoo gammadeera. Obboleeyyan tiyya! Badhadha Waaqi wolde'oota kiristaana lafa Maqedooniya'aatiif kenne akka beettanu barbaanna. Isaan rakkinna gudda'aan haga ilaallamaneeran; te'uu malee gammadi isaanii gudda'a; isaan akka malee hiyyeeyyii te'anulle, guddoo arjoomaneeran. Isaan haga dande'anuu fi haga dande'anuun caalaa, fedhii ifiitiin akka kennane ani isaaniif dhugaa hin baya. Carraa qarqaarsa kolbaa Waaqaa ta biyya Yihuda'aa keessa jirtuuf kenniisa irratti hirmaatiisaaf magannifatanee nu kadhatane; haga nuuti isaan irraa eenne caalaa godhane; matooma Gootta'aaf ifi kennane; itti aansaneelle fedha Waaqaatiin ifi nu'uuf kennaneeran. Hujii tana matooma ka jalqabe Tiitoos waan te'eef, ammalle hujii arjoomaa tana akka muummessu isuma kadhanneerra. Isin dhugeeffanna'aan, haasowaan, beekkunsaan, gargaariisaaf quxiquxamiisaan, jaalala nu'uuf qaddanulle'een waan maraan hin caaltan; hujii arjoomaa tanalle'een ka caaltanu te'a. Maarre quxiquxamiisa worri dhibiin kenniisaaf qabu keessaniin wol bira qabee ilaaliisaan, jaalaltiin teessan ta dhuga'aa akka teete mirkaneessiisaaf jedheeti malee, isin ajajiisaafii moti. Isin badhaadha Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii hin beettan; inni dureessa adoo te'eeruu, hiyyummaa isaatiin akka isin dureeyyii teetanuuf isinii jedhee hiyyeessa ifi godhe. Waan kana irratti gorsa isinii dansaa fakkaatee anatti mudhate isiniif kenna: Bara engeddaa kenniisa qofaaf adoo hin te'in, waan kana godhiisaaf matooma isinitti barbaade. Tanaaf quxiquxiin isin kenniisaaf qaddanu hujii irra ooltee akka muummottu, haguma qaddanutti waan yaaddane san godha'a. Nami tokko kenniisaaf quxiquxama yoo qabaate, kennansi isaa fudhatama ka qabaatu, haga qabutti yoo kenne malee, haga hin qanne yoo kennee moti. Kana jechuun kiyya ifii dhaddanee worra dhibii rakkoo keessaa akka baattanuuf adoo hin te'in, isin lamaanuu akka wol qixxoottanu. Isin yennaa rakkattanu karri isaanii rakkoo teessaniif akka ooltu, karri teessan amma rakkoo isaaniitiif ooltuu ti. Akka kanaan isin wodhakka'atti wol qixxummaan hin jiraatti. Kunille akkuma Barreeffami Woyyichi, “Ka guddaa wolitti qabate hagaan ol hin qabaanne, ka diqqoo wolitti qabatelle hagaan gad hin qabaanne” jedhu. Akkuma ani isiniif quxiquxamu, Tiitoosille akka isiniif quxiquxamu Waaqi godhe galatoomu. Tiitoos waan nuuti isa kadhanne qofaaf adoo hin te'in, fedhii ifiitiin ka'ee gammadaan gara keessan dhufe. Isa woliin obboleessa Oduu Gammadaa lallabiisaan wolde'oota kiristaanaa duudii keessatti kabajamaa te'e ergaarra. Obboleessi kun kana qofa adoo hin te'in, hujii dansaa tana ulfinna Gootta'aatiif yennaa nuuti muummessinuu fi fedhii dansaa tajaajiliisaaf qannulle yennaa mudhinnu, nu woliin deemiisaan qooda huji'ii nu woliin akka fudhatu wolde'oota kiristaanaatiin fowameera. Kennansa arjoomaa ka wolitti qabame kana qabiisa irratti eennulle akka nu hin komanne ifi eeganna. Yaad keenna waan sirrii te'e fuula Gootta'aa duratti callaa adoo hin te'in, fuulaa worra dhibi'ii durale'etti huju'u. Yennaa hedduu karaa heddu'uun haga isa ilaallee, akka inni nama gargaariisaaf quxiquxamaa te'e waan dhaggineef obboleessa keenna Tiitoos woliin ergineerra; addiin inni isinitti qabu guddoo waan iteeteef, amma hujii tana qarqaariisaaf ka durii caalaa inni quxiquxi jedheera. Marroo Tiitoosii beekiisa yoo barbaachise, inni isin qarqaariisaaf waa'ela kiyya ka ana woliin huju; isa woliin ka dhufanu marroo obboleeyyan dhibi'ii yoo teete, isaan bakka bu'oota wolde'oota kiristaanaa ka ulfinna Kiristoosiitiif dhabbataneeranu. Tanaaf akka wolde'ooti kiristaanaa jaalalli keessan ka dhuga'aa akka te'ee fi maaf akka nuuti isiniin ifi janyu akka dhagganu, jaalala keessan isaanii mudhisa'a. Marroo gargaarsa kolbaa Waaqaa ta Yihudaa keessa jirtuuf godhamuu, isiniif barreessuun barbaachisa'aa moti. Ani quxiquxamuu keessan waan beekuuf, “Worri Akaayya'aa bara engeddaatiin jalqabee qarqaariisaaf qophayeera” jedhee marroo teessaniif worra Meqedooniya'aa biratti ifi jaje; quxiquxamuun keessanille worra hedduu kakkaaseera. Marroo teessaniif wonni ani waan kana irratti ifi jaju, soba teetee akka hin hanne amma obboleeyyan tana ergaara; isin ammoo akkuma ani jedhetti qophowa'aa eega'a. Worri Maqedooniya'aa ana woliin dhufee, adoo isin hin qophoyin yoo dhagge, nuuti isinitti addachuu keennaan waan jennu dhannee hin qaanonna; isin fa'a guddoo qaanottan. Maarre obboleeyyan tun anaan dura gara keessan dhufanee, gargaarsa arjoomiisaaf waadaa galtane dura keessa akka qopheessitanu akka isin qaassisanuuf, gara keessan erguun barbaachisaa te'ee anatti mudhateera. Akka kanaan ani yennaa dhufu kennansi arjoomaa keessan ka qophaye te'a; isinille dirqamaan adoo hin te'in fedhi'iin akka kennitanu beessisa. “Ka diqqoo facaase diqqoo galfata; ka hedduu facaase hedduu galfata” yaada jedhu qaabadha'a. Tanaaf Waaqi nama gammadaan kennu waan jaalatuuf, nami tokko tokkonuu waan gadhaa ifiitiin kenniisaaf barbaade gammadaan kennuuti malee, gaabbaa yookiin hunnaan hin kennin. Yennaa mara waan isinii barbaachisu maraa ifii qabaattanee, hujii dansa'aafille ka geyee hafu akka qaabbattanu Waaqi badhaadha ifii bira dabarsee isinii kennuu hin dande'a. Kunille akkuma Barreeffam Woyyichi, “Worra hiyyeeyyi'iif arjoomaan kenne; balchummaan isaalle haga bara baraa jiraatti” jedhu. Waaqi ka facaasuuf sanyii, ka nyaatuuf sagalee kennu, sanyii facaattanu mara isinii kennee akka guddattu hin godha; midhaan arjummaa teessaniille hin fakkansa. Worri arjummaa teessan karaa keennaan fudhatu mara, Waaqa akka galateeffatuuf yennaa maraa akka arjoontanu, Waaqi waan maraan isin hin duroonsa. Tajaajilli keessan kun dhidhuu kolbaa Waaqaa guutiisa qofa adoo hin te'in, akka galata guddaa Waaqaaf dhikeessanu godha. Tajaajilli arjooma keessanii kun, Wongeela Kiristoosii fudhattanee ajajamuu keessan, isaanii fi worra dhibiille'eef arjoomuu keessan waan mirkaneessuuf, nami hedduun Waaqa hin leellisa. Isaanille badhaadha guddaa Waaqi waan isinii keenneef, isin dharra'aa isinii daadimatan. Kennaa isaa ta hagana hin jedhanneef, Waaqi galatoomu. Ani Phawuloos yennaa isin bira jiru nama, “Nama ila laafu” jedhame; yennaa isin irraa fagaadhe ammoo, “Nama ila jabaatu” jedhame; gadhi laaffinnaa fi arjummaa Kiristoosiitiin, ani yennaa isin bira dhufe ila jabeennaan akka ana hin dubbachiinne isin kadhadha; worra akka yaada fooniititti deddeebina nu seyanu duratti ammoo, ila jabeennaan dubbatiisaaf barbaada. Biyya lafaa keessa leenulle, nuuti akka biyya lafaa hin lollu. Mey woraanaa keennalle ka kushee diigiisaaf dandeessisu, ka hunna Waaqaa qabu malee, meya woraanaa ka biyya lafaatii moti. Waaqa beekiisa irratti moroma'aa fi kijiba gufuu te'ee ka'u duudii hin ballessina; yaada namaa duudiille booji'aa Kiristoosiif akka ajajamu goona. Eega ajajamuun keessan muummoye, ajajama dhaba duudii adabiisaaf hin qophoonna. Isin waan ila duratti mudhatu qofa ilaaltan. Nami tokko ani ka Kiristoosiiti jedhee yoo ifi addate, nuutille akkuma isaatuu ka Kiristoosii te'uu kenna hubatuu ti. Marroo baallii Goottaan nuu kenneetiif, yoo guddoo ifi jajelle itti hin fokkiffadhu; balliin tun isin ijaariisaaf malee, isin diigiisaaf hin kennanne. Ani xaleyaa kiyyaan akka waan isin sodaachisiisaatti jiruu akka yaddanu hin fedhu. Worri gariin, “Ergaan Phawuloosii jajjaddu'uu fi ulfatu'u; inni ammoo yennaa nu biratti dhaggamu dadhaba'a; dubbiin isaalle goofa” jedhan fa'a teeti. Worri akkasii waan nuuti fagoo jiraannee barreessinuu fi waan yennaa isin woliin jirru hunyu odduu garaa garummaan akka hin jirre hubatuu ti. Nuuti worra ifi saadutti ifi laakkowu'uuf yookiin isaaniin wol biratti ifi qannee ilaaliisaaf ila hin jabaannu. Isaan ammoo ifiinuu ifi waan madaalanuu fi ifiinuu ifi wol biratti qabanee ifi waan ilaalanuuf gowwoole'e. Nuuti ammoo haga isin bira geenulle'etti, meessaa tajaajila Waaqi nuu kenneen ifi jajaarra malee, haga irra tarree ifi hin janyu. Isinille meessaa tajaajila keennaa keessa waan jirtanuuf, nuuti Oduu Gammadaa ta Kiristoosii gara keessan finnee yennaa dhunne meessaa san hin tarre. Tanaaf meessa Waaqi nuu murteesse irra dabarree, hujii worra dhibi'iitiin haga malee ifi hin janyu; addee akkasii dhugeeffannaan teessan akka guddattuu fi hujii teennalle haga meessaa Waaqi nuu murteesseetitti, odduu teessanitti irra caalaa akka babadhatu hin addanna. Maarre meessaa tajaajila nama dhibi'ii keessa seennee, hujii tanaan qara hujanteen adoo ifi hin jajin, biyyoota isiniin gamaatille'etti Oduu Gammadaa lallabuu hin dandeenna. Ammoo akkuma Barreeffam Woyyichi jedhutti, “Ka ifi jajuu Gootta'aan ifi jajuu ti”. Sababille nama Goottaan saadutti fudhatama qaba malee, nami ifi saadu fudhatama hin qabu. Ani diqqoo gowwoomulle akka anaa ossattanu hin addadha; magane'ee na ossadha'a. Ani akka durra duudduu qulqullitti'ii Kiristoosii abbaa manaa tokkochatti, isin heerunsiisiisaaf waan isin kadhadheeruuf, akkuma Waaqi hinaafu anille isin hinaafa. Akkuma bofi maltumma'aan Hewwaan sobe, yaadi keessanille gara badee qajeelumma'aa fi qulqullummaa Kiristoosiif qaddanu irraa isin gorsinnaa jedhee sodaadha. Nami tokko gara keessan dhufee, Yesuusii nuuti isinitti lallanne malee, Yesuusii dhibii yoo isinitti lallabe yookiin ayyaana kanaan dura fudhattane malee, ayyaana dhibii yoo fudhattane yookiin Wongeela tanaan dura fudhattane malee, Wongeela dhibii yoo fudhattane, cadhittanee itti ilaaltan jechu'u. Ani ammoo karaa tokkolle'een ergantoota guguurddoo tana irraa waan diqqaadhu hin seyu. Ani dandeettii dubbi'ii dhabulle, beekkunsa hin qaba; nuuti yennaa maraa karaa maraan waan kana ifa isiniif gooneerra. Ani gatii malee Oduu Gammadaa ta Waaqaa waan isinii lallabeef, akka isin ol jettanuuf ifi gad qabuu kiyyaan cubbuu hujee ree? Isin tajaajiliisaaf, wolde'oota kiristaanaa dhibii irraa qarqaarsa waan fudhadheef, ani isaan saameera. Yennaa isin woliin jiraataa woyi dhabee rakkadhe, obboleeyaan Maqedooniiya'aa dhufane waan anaa barbaachisu maraan waan na qaraqaaraneef, ani nama tokkolle'etti ba'aa hin teene. Akkuma tanaan dura ba'aa isinitti te'uu dhabe, gara duraalle ba'aa isinitti hin te'u. Dhugaan Kiristoosii haga na keessa jirtu, eennulle ifi jajuu kiyya kana lafa Akaayya'aa keessatti na hin dhooggu. Ani waan isin hin jaalanneef kana jedhaa? Akka ani isin jaaladhu Waaqinuu hin beeka. Ergantooti dhibiin sun, “Nuutille akkuma isaanii hujaarra” jedhaa sababa ittiin ifi jajanu isaan dhassiisiisaaf, akkuma amma godhiisatti jiru gara duraalle hin godha. Namooti akkasii ergantoota Kiristoosii fakkaatiisaaf worra ifi jijjiiru, ergantoota sobaatii fi hojjattoota maltoole'e. Kunille waan nama baaseffachiisuu moti; Seexanninuu ergantoota ifaa fakkaatiisaaf ifi jijjiira. Tanaaf tajaajiltooti Seexanaa tajaajiltoota balchumma'aa fakkaatiisaaf yoo ifi jijjiirane hin baaseffachiisu. Muummee irratti gatii hujii ifii hin dhaggatan. Ani ammalle isiniin jedha; eennulle gowwaa na hin seyin; yoo seetane ammoo diqqumalle akka ifi jajuuf akka gowwa'aatitti ana fudhadha'a. Akka kana ifi jajiisaan yennaa dubbadhu akka gowwa'aa te'eeti malee, akka fedha Gootta'aatii moti. Worri hedduun akka yaada fooniititti ka ifi jaju eega te'e, anille ifi hin jaja. Isin qaroolee waan teetaneef, gowwoolee gammadaan hin ossattan. Nami yoo garba isin godhate yookiin yoo isin irra nyaate yookiin bu'aa ifiitiif yoo isin fayyadame yookiin yoo isin tuffate yookiin yoo isin dhabanaase hin ossattan. Nuuti ammoo waan saniin dadhaboolee te'uu kennaan fokkifataa dubbadha. Eennulle ifi jajiisaaf ila yoo jabaate, anille akkuma isaa ila jabaadhee ifi jaja. Ammalle akka gowwa'aa te'ee tana jedha. Isaan worra Ibirootaatii? Anille nama Ibirootaa ti. Isaan worra Isiraa'eliitii? Anille nama Isiraa'elii ti. Isaan sanyii Abrahaamiitii? Anille sanyii Abiraamii ti. Isaan tajaajiltoota Kiristoosiitii? Ani isaan caalaa tajaajilaa Kiristoosii ti. Ani akka maraata'aa tana dubbadha; ani isaan caalaa yennaa hedduu huji'iin dadhabeera, yennaa hedduu hidhameera, yennaa hedduu dikameera, yennaa hedduulle du'a geyeera. Ani lichee soddomii sagal sagal yennaa shan harka Yihudootaatitti dhaanameera. Yennaa sadi ciira'aan dhaanameera; yennaa tokko dhaka'aan tumameera; yennaa sadi caccab hoboloo gudditti'ii na dhaqqabeera; guyyaa tokkoo fi halkan tokko galaana irra oolee buleera. Yennaa hedduu ideensa irra waan tureeruuf, balaan laga guutee, balaan santootaa, balaan gosa tiyyaatii fi worra Yihudoota hin te'in irraa, balaan qacha'aa fi gammoojjii keessatti, balaan abbaayaa keessalle'etti, balaan kiristaanota dharaameyyii irraa na dhaqqabeera. Hujii hantuu hujee, akka malee eloyeera; yennaa hedduu hirriiba dhabeera; yennaa hedduu beelodhee dheebbodheera; yennaa hedduulle sagalee dhabeeraayyu; boojji'ii fi daara dageera. Waan dhibii lakkisii marroo wolde'oota kiristaanaatiif, guyyuma guyya'aan hedaa yaadda'aa ture. Eentu dadhabeeruun, ani dadhabuu dhabeera? Eentu cubbu'uun gufatuun, gadhaan na laalatuu dhabeera? Ifi jajiis yoo barbaachise, ani waan dadhabbii tiyya mudhisuun ifi jaja. Waaqi, Abbaan Goottaa kenna Yesuus Kiristoosii, ka haga bara baraa galatoonfame, akka ani sobaa hin dubbanne hin beeka. Yennaa ani qachaa Damaasiqo'oo keessa jiru, bulchaan mooticha Areexaasiin jalatti bulchiisatti jiru, ana qassiisiisaaf barbaadee, karroota qacha'aa eeddotaan eessisaa ture. Namooti ammoo, qiriccoo keessa na keyanee urata dalleyaatiin na buusaneeranuun isa jalaa miliqe. Ifi jajiisaan bu'aan dhaggamu jiraatuu dhabulle, ifi jajiisa yoo barbaachise yaadaan dhaggu'uu fi mudhii Goottaan anaaf kenneen ifi jaja. Nama ka Kiristoosii te'e tokko beeka; nami kun woggaa kudha afuriin dura, haga ol gubbaa olii fuddhatame; akki inni fudhatamelle nafaan te'uu yookiin te'uu dhabuu ani hin beeku; Waaqi hin beeka. Ifii ammoo nami kun gara addee gammadaa akka fudhatame hin beeka; teetuu malee nafaan te'uu yookiin te'uu dhabuu ani hin beeku; Waaqi hin beeka. Inni gara addee gammadaa fudhatamee, waan jecha namaatiin himamiisaa fi namille dubbatiisaaf hin dandeenne dhage'e. Ani nama akkana jiruun ifi jaja; marroo ifii kiyyaa ammoo, dadhabbii tiyya malee waan ifi jajadhuun hin qabu. Ani dhugaa waan dubbataaruuf, ifi jajiisa yoo barbaadelle ani hin gowwoomu; ammoo eennulle waan ana irratti dhagguu fi waan ana irraa dhage'u caalaa akka hin herrenneef, ifi jajuu irraa ifi qusadha. Mudhii guddoo tanaan ha kaate akka ani hin koorre, wonni akka qore'ee nafa kiyya woraanee na farrisiisu, ergamaan Seexanaa anaa kenname. Wonni ana rakkisu kun, akka ana lakkittu yennaa sad gara Gootta'aa daadimadhe. Inni ammoo, “Hunni tiyya mijuu teetee ka mudhattu yennaa ati dadhabaa teete waan teeteef, badhaadhi kiyya si hin geya” anaan jedhe. Tanaaf hunni Kiristoosii akka ana irra jiraattu, ka durii caalaa dadhabbii tiyyaan gammadaa ifi jajiisa barbaada. Ani hunna ka dhaggadhu dadhabaa yennaa te'utti waan teeteef Kiristoosiif yennaa dadhabu, yennaa arraffamu, yennaa rakkadhu, yennaa miidhamu fi yennaa yaaddawu hin gammada. Ani akka gowwa'aa dubbadhe; akka ani akkas dubbadhu isinitti na godhe; ana deeggaruu ka qaddanu silaa isin; ani woyittuu laakkowamuu dhabulle, worra ergantoota guguurdoo jedhamane karaa tokkolle'een hin hanqadhu. Ani yennaa odduu teessan jiru, hujiin ani ossaan huje, akka ani ergamaa dhuga'aa te'e hin mirakaneessiti. Kunille beessisa, basaa fi bilibaasota. Ani ijjumaa isinitti ba'aa te'a dhabuu kiyya malee, ani maaniin wolde'oota Kiristaanaa dhibii isin hanqise? Tunille akka yakka'aatitti ta laakkowantu yoo teete naa araarama'a. Gara keessan dhufiisaaf qophawuun kiyya, amma yennaa sadeesso'oo ti; ani isinitti ba'aa te'iisa hin fedhu; ani ka barbaadu isin malee, beesee tessanii moti. Ijoollee ifiitiif karra ka kuusu worra malee, ijoolleen worra ifiitiif karra hin kuuchu. Ani isiniif jedhee waan qabu duudii, ifille dabarsee adoo isiniif kenne guddoo hin gammada. Eega ani akkana guddisee isin jaaladhe, isin diqquma na jaalatanii ree? Maarre teetuutii akka ani isin irratti ba'aa hin te'in tana wolii galla; ammoo maltumma'aa fi sobaan waan harkatti isin galfadhe seyaartan. Ani namoota gara keessan erge keessaa, karaa nama tokkochaatille'een woyi isin irraa nyaadheera ree? Tiitoos gara keessan akka dhufu kadhadhee, obboleessa keenna sanille isa woliin ergeera. Tiitoos woyi isin irraa nyaateeraa ree? Anii fi inni ayyaana tokkoonii motii ka isin tajaajille? Ideensi keennalle tokkoo motii ree? Isin duudiin haga ammaa, waan nuuti isin duratti marroo teennaaf falmataarru gootanee ilaalaartanii? Nuuti Kiristoosiin jiraannee, Waaqa duratti dubbataarra. Jaalota tiyya! Nuuti isin ijaariisaaf jennee tana duudii dubbataarra. Yennaa ani gara keessan dhufu akka ani barbaadu adoo isin hin te'in, anille akka isin baarbaaddanu adoo hin te'in, takki wol dhaggina fa'a jedhee sodaadha. Takki fa'a lolli, hinaaffaan, aariin, ifi jaalatuun, maqaa namaa balleessuun, hamiin, kooriisaa fi hogaan odduu teessan jiraatuu jedhee sodaadha'a. Deebi'ee gara keessan yennaa dhufu, Waaqi kiyya isin duratti na fokkisiisa jedhee sodaadha; tanaan qara worri cubbuu battumma'aa, sagaagalumma'aatii fi baalagumma'aa hujane, waan cubbuu irraa hin deebi'iniif gaddda keessa bu'innaa jedhee sodaadha. Gara keessan dhufiis kiyya kun yennaa sadeesso'oo ti; akkuma Barreeffam Woyyichi jedhu, “Himannaan marti dhugaa baatota lamaan yookin sadiin mirkanootti”. Ani yennaa lammeesso'oo isin ilaaliisaaf dhufee isin woliin jiru, isin ifi eegachiiseera. Ammalle fagoo jiraadhee, worra tanaan qara cubbuu hujee fi worra dhibiille ifi eegachiisa; amma yennaa gara keessan deebi'ee dhufu eennulle hin hilu. Isin ka ana keessa jiraatee dubbatu Kiristoos akka te'e mirkaneeffatiisaaf barbaaddan; ka isin keessatti mudhatulle hunna isaati malee, dadhabbii isaatii moti. Inni fannooo gubba'atti fannifamee ka du'e dadhabbi'iin te'ulle, amma hunna Waaqaatiin jiru'uun le'a; nuutille isa woliin dadhaboolee teeneerra; tokkummaa isin woliin qannuun ammoo, isa woliin hunna Waaqaatiin leena. Dhugeeffanna'aan akka jirtanu beekiisaaf ifi qorqora'a; haga ifi ilaala'a; Yesuus Kiristoos akka isin keessa jiru hin hubannee? Yoo akkas hin te'in haga ilaallatamaan jiddaneertan jechu'u. Nuuti haga ilaallatamaan akka hin jigin hin beettan jedhee addadha. Waan hantuu akka isin hin hunye, gara Waaqa daadimanna; wonni daadimannuufille nuuti haga ilaalcha taruu dhannee yoo dhagganne, isin yennaa maraa waan dansaa akka gootanuuf malee, haga ilaalcha tariisa keenna mudhisiisaafii moti. Nuuti dhuga'aaf hunya malee, waan dhuga'aan mormu tokkolle hujiisaaf hin dandeennu. Nuuti dadhaboolee teenee, isin ammoo jajjaba yennaa teetanu hin gammanna; nuuti akka isin mijuu teetanu daadimanna. Ani waan kanaaf, adoo fagoo jiruu ergaa tana isiniif barreesse; akka kanaan gara keessan yennaa dhufu, baallii Goottaan anaaf kenneen ila isinitti hin jabaadhu; Goottaan baallii anaaf ka kenne akka isin ijaaruuf malee, akka isin diiguufii moti. Obboleeyyan tiyya! Yoona nageyaan tee'a'a; leetoo teessan sirreeffadha'a; gorsa kiyya dhage'a'a; wolii gala'a; nageyaan le'a'a; Waaqi jaalalaatii fi nageyaa isin woliin hin jiraata. Sunqata woyyichaan wol sunqataa nageya wol fuudha'a. Kolbaan Waaqaa marti nageya isinii dhaanteerti. Badhadhi Goottaa Yesuus Kiristoosii, jaalalli Waaqaa, tokkummaan Ayyaana Woyyichaalle isin duudii woliin jiraattu. Namootaan yookiin karaa nama tokkootiin adoo hin te'in, Yesuus Kiristoosii fi Waaqa Abbaa Kiristoos du'aa kaaseen, ergaamaa te'ee ka ergame, ana Phawuloos biraa, obboleeyyan ana woliin jirtu mara biraa: wolde'oota kiristaanaa ka Galaatiyaa keessa jirtanuuf, Waaqi Abbaan keenna, Goottaan keenna Yesuus Kiristoosille badhaadhaa fi nageya isiniif kennu! Akka fedha Waaqa Abbaa keennaatitti, bara hamaa kana keessaa nu bilisa baasiisaaf jedhee, Kiristoos marroo cubbuu teennaatiif ifi dabarsee kenne. Baraa haga bara baraatitti Waaqaaf ulfinni te'u! Ameen. Badhaadha Kiristoosiitiin ka isin waame irraa garagaltanee, gara oduu gammadaa ta biraa ariifattanee deebi'uun keessan na baaseffachiitteerti. Worri isin kem'i godhiisaa fi Oduu Gammadaa ta Kiristoosii daddasiisaaf barbaadu waan jiruuf tana jedhe malee, dhugumaan Oduun Gammadaa ta biraa hin jirtu. Te'uu malee, nu'ulle yoo te'e, yookiin ergamaa Waaqaa ka ol-gubba'aalle yoo te'e, Oduu Gammadaa ta nuuti isinitti lallanne irraa ta gorte, yoo lallabe ka abaarame te'uu ti! Akkuma tanaan dura dubbadhe, ammalle irra deebi'ee dubbadha: eennulle Oduu Gammadaa ta isin fudhattane irraa ta gorte, yoo isinitti lallabe ka abaarame te'uu ti! Ani amma nama moo, Waaqa duratti fudhatama dhaggatiisaaf barbaadiisatti jira ree? Yookiin nama gammachiisu'uuf barbaadatiisatti jiraa? Nama gammachiisu'uuf adoo waan barbaadu teete, ani tajaajilaa Kiristoosii hin te'uuyyu. Obboleeyyan tiyya! Oduun Gammadaa ta ani isiniif lallabe, ta nami ifi keessaa maddisiise akka hin te'in, akka beettanu barbaada. Oduu Gammadaa tana, Yesuus Kiristoositti natti mudhise malee, ani eennulle irraa hin fudhanne, yookiin eennulle ana hin barsiinne. Yennaa duri dhugeeffannaa Yihudootaa hordofu, attam akka ani le'e dhageettaneertan; ani wolde'a kiristaana Waaqaa akka malee miidhaa balleesiisaaf wodhaanaa ture. Worra bara kiyya jiru, lansoota tiyya ta Yihudoota te'ane hedduu, ani dhugeeffannaa Yihudootaa eeggatiisaan hin caala; marroo aadaa abbootii teenaatille'eef akka malee hin hinaafaayyu. Waaqi ammoo adoo ani hin dhalatin dura ana filate; badhaadha ifiitille'een ana waame. Oduu Gammadaa ta marroo Ilma isaa, worra Yihudoota hin te'in oddu'utti akka ani lallabuuf, yennaa Waaqi Ilma ifii anatti mudhisiisa jaallate, ani nama tokkolle woliin hin mari'anne; yookiin gara worra anaan dura ergantoota te'ee Yerusaalem hin dhandhe, ammoo yoosuma gara biyya Arabaa dhaqee, achiin duuba Damaasqo'otti deebi'e. Eegii san woggaa sadiin duuba Pheexroos ilaaliisaaf gara Yerusaalemii dhaqee, isa bira guyyaa kudha shan ture. Obboleessa Gootta'aa Yaaqoobi malee, ergantoota dhibii keessaa tokkolle hin dhaggine. Wonni ani isiniif barreessu kun dhara akka hin te'in, Waaqi hin beeka. Ani Yerusaalem dhaqeen duuba gara biyya Sooriya'aatii fi Qiliiqiya'aa dhaqe. Wolde'ooti kiristaanaa ka Kiristoosii, ka lafa Yihuda'aa keessa jiru, ilaan na dhagganee hin beekanu. Oduu, “Namichi duri nu miidhaa ture, dhugeeffannaa balleessiisaaf barbaadu san, amma lallabiisatti jira” jettu qofa dhage'aneeran. Sababa kiyyalle'eef Waaqa galateeffatane. Eega san wogga kudha afuriin duuba, Tiitoos ifi faana fudhadhee, Baarnaabaas woliin gara Yerusaalemii deebi'ee dhaqe. Akka ani achi dhaqu, Waaqi natti mudhinnaan dhaqe. Hujiin ani kanaan dura hujee fi ta amma hujiisatti jiru, tola akka hin banneef jedhee, Oduu Gammadaa ta worra Yihudoota hin te'initti lallabu, sooreyyii gugurdo'oof qofitti hime. Tiitoosiin ana woliin jiru, nama Giriikii te'ulle, akka haqanqabaa qabatu hunnaan hin godhanne. Te'uu malee obboleeyyan dharaammeyyiin tokko tokko, ka luuxanee nu odduu seenane, akka inni haqanqabaa qabatu barbaadaneeraniiyyu. Isaan bilisummaa nuuti Yesuus Kiristoosiin qannu dooyanee, garbumma'atti nu deebisiisaaf barbaadanee, luuxanee seenane. Dhugaan Oduu Gammadaa, akka yennaa mara isin woliin jiraattuuf, nuuti yennaa diqqolle'eef isaaniif hin ajajane. Worri sooreyyii gugurdoo ifi fakkeessuu ammoo, eennummaan isaanii ta qaraa womaa natti hin fakkaatu; Waaqi fuula namaa ilaalee hin golu; isaan Oduu Gammadaa ta ani lallabu irratti womaa hin daballe. Ammoo akka Waaqi, akkuma Pheexroos Oduu Gammadaa worra Yihudootaatiif akka lallabuuf adaraa itti kenne, anille Oduu Gammadaa worra Yihudoota hin te'iniif, akka lallabuuf adaraa anatti kenneeru beekaneeran. Waaqi akka Pheexroos ergamaa worra Yihudootaa te'ee tajaajilu godhe, akka anille ergamaa worra Yihudoota hin te'inii te'ee tajaajilu godheera. Akkasuma sooreyyiin akka utuba'aa ilaalamanu Yaaqoob, Pheexrosii fi Yohaannis, badhaadha anaaf kenname hubatanee, tokkumaa mudhisiisaaf Baarnaabaasii fi ana woliin harka wol qabanneerra; Baarnaabaasii fi ani gara worra Yihudoota hin te'inii akka dhandhu, isaaniille gara worra gosa Waaqaa akka dhaqanu woliif galleerra. Isaan marroo hiyyeeyyi'iitiif akka nuuti yaadannu callaa nutti dubbatane, kun waan ani dhugumaan godhiisaaf fedhuuyyu. Pheexroos gara Anxokiya'aa yennaa dhufe waan dokonkoreeruuf, ani fuula duratti isa morme. Namooti gariin Yaaqoob biraa adoo hin dhufin dura, Pheexroos worra Yihudoota hin te'in keessaa worra dhugeeffate woliin nyaataa ture; yennaa isaan dhufane ammoo, golii worra haqanqabaa qabatee sodaatee, worra Yihudoota hin te'in irraa ifi gargar baasee qarqarfate; Worri Yihudoota keessaa dhugeeffatanelle, kijiba Pheexroosii hordofaneeran; Baarnaabaasinuu kijiba isaaniitiin duubatti harkifameera. Akka isaan akka dhugaa Oduu Gammadaatitti hujaa hin jirre, ani yennaa dhagge, isaan mara duratti Pheexroosiin, “Ati Yihudii teetee, akka Yihudi'iititti adoo hin te'in, akka nama Yihudii hin te'iniititti eega jiraatte, attamiin worri Yihudoota hin te'in, akka Yihudootaatitti akka jiraatuuf uttitta ree?” jedhe. Nuuti dhalootaan Yihudoota malee, worra Yihudoota hin te'in worra cubbichaa moti. Te'uu malee nami Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaan malee, Seera eeggatiisaan akka hin balchoonne beenneera. Nuutille Seera eeggatiisaan adoo hin te'in, Kiristoositti dhugeeffatiisaan akka balchoonnuuf Yesuus Kiristoositti dhugeeffanneera. Eennulle Seera Muuse'ee eeggatiisaan hin balchoomu. Kiristoositti dhugeeffatiisaan balchoomiisaaf adoo barbaannuu, nuutinuu cubbaalleyyii teenee yoo mudhanne, akka cubbuu tolchinu ka godhiisatti jiru Kiristoos jechu'u ree? Ijjumaa, hin teetu! Ani Seera diige deebisee yoo ka ijaaru te'e, aninuu nama Seera diigu te'uu kiyya mudhisiisatti jira jechu'u. Ani Waaqaaf le'iisaaf, karaa Seeraatiin Seera duraa du'eera; ani Kiristoos woliin fannifameera. Maarre haganaa achi Kiristoos ana keessa le'a malee, ani ifiif hin le'u. Le'ii amma fooniin le'ulle, Ilma Waaqaa ka ana jaallatee, ifi dabarsee anaaf kennetti dhugeeffatiisaan le'a. Ani badhaadha Waaqaa gatii hin dhooggu; Seera eeggatiisaan adoo waan balchoomanu teete, Kiristoos toluma du'e jechu'uu motii ree! Worra Galaatiya'aa gowwoole'e! Eentu muusessee isin dooche? Yesuus Kiristoos fannifamee, akka waan barreeffamee rarraafamee, ila teessan dura jiraayyuu. Ani waan tokko callaa beekuu barbaada: isin Seera eeggatiisaan moo, yookiin Oduu Gammadaa dhageettanee itti dhugeeffatiisaan Ayyaana Woyyicha fudhattane? Attam akkas gowwitan? Ayyaana Waaqaatiin jalqaddanee, amma ammoo yaada fooniitiin muummessu'u barbaaddanii ree? Dhugumaan waan woy hin baaneef yoo te'e, toluma waan isin irra dhaqqabe kana mara fudhattanee ree? Waaqi Ayyaana ifii isinii kennee, bilbaasa isin oddu'utti wonni hujuuf, waan Seera eeggattaneef moo, yookiin Oduu Gammadaa dhageettanee waan itti dhugeeffattaneef? Abrahaam ilaala'a me; Barreeffami Woyyichi, “Abrahaam Waaqatti dhugeeffate; dhugeeffannaan isaalle balchumma'atti laakkowanteef” jedha. Maarre worri dhugeeffatu maraa ilmaan Abrahaamii akka te'e hubadha'a! Barreeffam Woyyichi akka Waaqi worra gosa isaa hin te'in dhugeeffanna'aan balchoonsu, duraan dursee dhaggee Abrahaamiin, “Gosi maraa si'iin hin eebbifama” jedhee, Oduu Gammadaa itti himeera. Tanaaf worri dhugeeffatu maraa, Abrahaamii dhugeeffate woliin ka eebbiffame. Barreeffam Woyyichi, “Waan Kitaaba Seeraa keesatti barreeffame mara, nami hin eegganne maraa ka abaarame!” waan jedhuuf, worri Seera eeggatiisatti ciqliffatu abaarsa jala jira. Barreeffam Woyyichi, “Nami balchaan dhugeeffanna'aan le'a” waan jedhuuf, eennulle Waaqa duratti Seeraan balchoomiisaaf akka hin dandeenne ifa. Seerri dhugeeffannaa irratti hin hundeeffamu; te'uu malee Barreeffam Woyyichi, “Nami waan Seerri jedhu guutu, ittiin hin le'a” jedha. Barreeffam Woyyichi, “Nami muka irratti rarraafamu maraa ka abaarame” waan jedhuuf, Kiristoos nu'uuf jedhee abaaramaa te'ee, abaarsa Seerri nutti fidu jalaa nu wode. Eebbi Abrahaam dhaggate, karaa Kiristoos Yesuusiitiin, worra Yihudoota hin te'in maraaf akka kennamuuf, Ayyaana Waaqi addii kennelle, dhugeeffanna'aan akka fudhannuuf Kiristoos nu wodeera. Obboleeyyan tiyya, le'ii guyyuma guyya'aa keessaa fakkeenna tokko fuudhee dubbadha: yoo nami lamaan waan tokko irratti wolii galee, wolii galtee san mallatteesse, eennulle wolii galtee san diigiisaaf, yookiin wo itti dabaliisaaf hin dande'u. Maarre Waaqi Abrahaamii fi sanyii isaatiif addii kenneera; Barreeffam Woyyichi, akka nama heddu'uuf dubbatamuutitti, “Sanyoota” hin jedhu, akka nama tokkoof dubbatamuutitti, “Sanyii” jedha, innille Kiristoos. Kana jechuun kiyyalle, Seerri woggaa dhibba afurii fi soddomaan duuba kenname, gondooroo qara Waaqaan gondoorante diigee, waadaa galame san balleesiisaaf hin dande'u jechuu kiyya. Kennansi Waaqaa Seeratti ciqilfatiisaan adoo te'ee, waadaa galametti ciqilfatiisaan hin te'uuyyu. Te'uu malee, karaa waadaa galameetiin, Waaqi kennansa ifii Abrahaamiif kenneera. Yoona Seerri maaf kenname ree? Sanyiin Abrahaamiif waadaa galameen kenname haga dhufu, seera tariis maan akka te'e mudhisiisaaf, Seerri dabalamee kenname. Seerri ergantoota Waaqaatiin, karaa araarsaa tokkochaatiin kenname. Te'uu malee, araarsaan tokko golii lama wolakka'atti malee takkaa calla'aaf hin barbaachisu; Waaqi ammoo tokkocha. Seerri waadaa Waaqi galeen hin mormaa ree? Ijjumaa hin mormu! Seerri akka jiruu kennuuf adoo kennamee jiraate, sila dhugumaan, Seera eeggatiisaan balchumaan hin dhaggantiiyyu. Waadaan galame, ta Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaan dhaggantu, worra dhuggeeffatuuf akka kennantuuf, Barreeffam Woyyichi biyyi lafaa duudiin cubbu'uuf bitamiisaan hidhantee akka jirtu dubbata. Adoo dhugeeffannaan hin dhufin dura, haga dhugeeffannaan mudhatutti, Seeraan hidhannee, Seera jalatti eeggamaa ture. Maarre nuuti dhugeeffanna'aan akka balchoonnuuf, haga Kiristoos dhufu, Seerri guddisoo keenna te'eeraayyu. Amma ammoo, dhugeeffannaan waan dhutteef, haganaa achi guddisoo Seeraa jala hin jiraannu. Kiristoos Yesuusitti dhugeeffatiisaan, isin martinuu ijoollee Waaqaa ti. Isin worri Kiristoos woliin tokko te'iisaaf cuuphantane maraa, Kiristoos akka woya'aa uffattaneertan. Karaa Kiristoos Yesuusiitiin, isin martinuu tokko waan teetaneef, worra Yihudi'iitii fi Giriikii, garbichaa fi ka garbicha hin te'in, dhiiraa fi dubartii oddu'utti garaagarummaan hin jirtu. Ka Kiristoosii eega teetane, isin sanyii Abrahaamii ti; waan Waaqi isiniif addii kennelle hin dhaaltan. Ammalle wonni ani jedhuu barbaadu kana: ilmi karra abbaa ifii dhaalu tokko, karra abbaa ifii mara irratti goottaa yoo te'elle, haga ijoollumma'aan jiru garbicha tokko hin caalu. Yennaan abbaan isaaf murteesse haga geettu, harka worra isa guddisuutii fi worra isa bulchuu jala tura. Nuutille akkasuma, ayyaanaan adoo hin guddatin duratti, seera biyya lafaatiif garba teenee turre. Barri murtaye sun yennaa geye, Waaqi ilma ifii nuuf erge. Inni dubartii irraa dhalatee, Seera jalatti bule. Inni worra Seera jala jiru wodee, ilmaan Waaqaa nu godhiisaaf tana godhe. Isin ilmaan isaa waan teetaneef, Waaqi Ayyaana ilma ifii ka, “Abbaa, Abbaa” jedhee waamu gara keessa keennaa ergeera. Maarre yoona, ati ilma malee garbichaa moti; ilma eega teete, Waaqi akka dhaaltu si godheera. Isin dur adoo Waaqa hin beekin, waan dadamaan waaqota dhuga'aa hin te'iniif garba teetaneertaniiyyu. Amma ammoo Waaqa beettaneertan; dhugumaan Waaqi isin beekeera. Attam deebitanee gara hunnoota biyya lafaa dadhaboole'ee fi ka woy hin baane kanatti garagaltan ree? Ammalle deebitanee garba isaanii te'iisaaf barbaaddan? Guyyaa, ji'a, bonaa-gannaa fi woggaa adda te'e ulfeessitan. Hujiin ani isinii huje mara tola baddeerti jedhee isinii sodaadha. Obboleeyyan tiyya, waan ani akka keessan te'eef, isinille akka kiyya akka teetanuuf isin kadhadha. Isin womaa ana hin yakkine. Yennaa jalqabaa, akka ani sababa dhibee tiyyaatiin, Oduu Gammadaa isinii lallabe, isinuu hin beettan. Dhibeen tiyya ilaalachaa isinitti teetulle, akka ergamaa Waaqaatii fi akka Kiristoos Yesuusiititti na fudhattane malee, isin ana hin tuffanne, yookiin ana hin jibbine. Gammad keessan sun eessa dhaqe ree? Adoo dandeettane ila teessanille ifi keessaa baattanee, worra anaaf kennitanu akka teetane anuu dhugaa hin baya. Ani waan dhugaa isinitti himeef diina keessan te'ee ree? Namooti kuun isiniif akka malee yadatan, te'uu malee dansa'aafii moti; akka isin isaaniif jabaattanee yaadattanuuf, nu irraa isin kutiisa barbaadan. Yaada dansa'aaf yoo te'e, namaaf yaadatuun waan dansa'a; tun ammoo yennaa maraaf malee, yennaa ani isin bira jiru calla'aaf hin te'in. Ijoollee tiyya, haga bifi Kiristoosii isin keessatti mudhatutti, ani ammalle akka dubartii deettuu isiniif hin ciniinsifadha. Ani marroo teessaniif waan godhu waan wollaaleeruuf, adoo isin biratti dhaggamee akka dhibi'iin isinitti dubbadhee hin fedhaayyu. Isin worri Seera jalatti buliisaaf barbaadanu, waan Seerri jedhu hin dhageennee? Anatti hima'a! Abrahaam ilmaan lama qabaayyu; tokkocha dubartii garbitii irraa, kaan dubartii garbitii hin te'in irraa, akka uumate barreeffanteerti. Ilmi tokkochi dubartii garbitii irraa, akka fedha foonii calla'aan dhalate; kuun ammoo dubartii garbitii hin te'in irraa, addii kennanteen dhalata. Amma kun fakkeenna; dubartooti lamaan sun fakkeenna gondooroo lamaanii ti. Takkattiin ta ijoolleen isi'ii garbummaa keessatti dhalatte Aggaari; isiin fakkeenna gondooroo Gaara Siina'aa irratti gondooranatee ti. Aggaariin Gaara Siina'aa ka biyya Arabaa keessa jiruun fakkeeffante sun, fakkeenna Yerusaalemii amma kolbaa ifii woliin garbummaa keessa jirtuu ti. Yerusaalemiin ol-gubba'aa ammoo bilisoontu'u; isiin haadha teenna. Barreeffa Woyyicha keessatti, “Ijoollee dubartii abbaa manaa qadduu caalaa, ijoolleen dubartii qofi lakkifantee waan heddatteef, ati maseentittiin deettee hin beenne gammadi, ati ta ciniinsifattee hin beenne iyyii ilillisi!” jedhantee barreeffanteerti. Amma obboleeyyan tiyya, akkuma Yisihaaqii, isinille ijoollee addii kennantee ti. Te'uu malee, yennaa san ka akka fedha foonii calla'aan dhalate, ka fedha Ayyaana Waaqaatiin dhalate akkuma ari'e, ammalle akkasuma hin te'a. Barreeffami Woyyichi ammoo maan jedha? Wonni jedhu, “Ilmi garbitti'ii, ilma ta garbittii hin te'inii woliin dhaala waan hin qoodanneef, garbittii ilma isi'ii woliin ari'i!” hin jedha. Maarre obboleeyyan tiyya, nuuti ijoollee ta garbitii hin te'inii ti malee, ijjoollee garbitti'iitii moti. Bilisumma'aan akka leenuuf Kiristoos bilisa nu baase. Tanaaf jabaadha'aa dhaabbadha'a! Deebitaneelle waanjoo garboomaatiin hin hidhamina'a! Dhage'aa! Yoo haqanqabaa ifi qassiittane, akka Kiristoos ijjumaa isiniif wo hin baane, ani Phawuloos isinitti hima. Nami haqanqabaa qassiiffatu mara, dirqama Seera duudii muummeesiisaa akka qabu ani ammalle dhugaa hin bayaaf. Isin worri Seera eeggatiisaan balchoomiisaaf barbaaddanu, Kiristoos irraa ifi kuttaneertan; badhaadha waaqaa irralle'ee bayyattaneertan. Nuuti ammoo karaa Ayyaana Waaqaatiin, balchummaa addii godhannu dhugeeffanna'aan dharra'aa eegganna. Kiristoos Yesuusiin yoo jiraanne, dhugeeffannaa jaalalaan hujjuttuu gatii qaddi malee, haqanqabaa qabatiisa yookiin haqanqabaa qabatiisa dhabiisaa moti. Isin akkuma dansaa hujaa turtane; akka isin dhuga'aaf hin ajajanne eentu gufuu isinitti te'e ree? Hawwadiin tun ta Waaqa gara dhuga'aa isin waamu biraa dhuttee moti. Uukoon diqqoon bukoo duudii bukeessiti. Akka isin yaada kana irraa gore hin qabaatiin, ani Gootta'aan ifi-addii qaba. Eennulle teenaan nami isin jaanjursu muraa hin fudhata. Ammoo obboleeyyan tiyya, haqanqabaa qabatiis barbaachisaa akka te'e, adoo waan lallabiisatti jiraadhee, maaf na miidhan ree? Yoo akkasii, fannoon Kiristoosii namaaf gufuu te'iis, silaa hin hafaayyu. Worri isin jaanjursu sun, haqanqabaa qabatiisa callaa adoo hin te'in, adoo ifi yakkate ani hin jaaladha. Obboleeyyan tiyya, isin bilisumma'aaf waammantaneertan; jaalalaan wol tajaajila'a malee, bilisummaa teessan tana halchaa foonii muummeffatiisaaf karaa dagu'uu hin godhatina'a! Seerri duudiin Jecha, “Akkuma ifi jaallattu nama jaalladhu!” jedhuun wolitti qabama. Yoo ammoo ka wol cicciniittanee wol nyaattanu teete, akka wol hin balleessine ifi eeggadha'a! Wonni ani jedhu tana: yoona Ayyaanaan soorreffamaa le'aa malee, halchaa foonii hin muummessina'a! Halchaan foonii halchaa Ayyaanaatiin mormiti; halchaan Ayyaanaalle halchaa fooniitiin mormiti; halchaan lamaan tun waan wol mormituuf, waan jaallattanu godhiisaaf hin dandeettanu. Yoo Ayyaanaan soorreffantane ammoo, Seera jala hin jirtanu. Hujiin foonii ta beekkante. Isiille: sagaagaluu, battummaa, baalagummaa, waaqota dharaa waaqonsuu, moruu, diinummaa, moromaa, hinaaffaa, mufii, ifi jaallatuu, wol dhabuu, wol fojuu, dhiibbaleessa te'uu, machii, sarbicha dhiitu'uu fi ta tana fakkaattu. Akkuma kanaan dura isinitti hime, ammalle itti deebi'ee isinitti hima: worri waan akkasii huju mootummaa Waaqaa hin dhaalu. Midhaan Ayyaanaa ammoo jaalala, gammada, nageya, ossa, arjummaa, dansumaa, addatama, qajeelumma'aa fi if qabu'u. Seerri waan akkasii kana dhooggu hin jiru. Worri ka Kiristoosii te'e, halchaa hantu'uu fi fedha isaa woliin foon ifii fanniseera. Worra Ayyaanaan leenu yoo teene, Ayyaanaan sooreffannuu ti. Wol aarsaa, wol hinaafaa, tola mee ifi jajnuu ti! Obboleeyyan tiyya, yoo nami tokko cubbu'uun qabame, isin worri ayyaantoleen qajeelumma'aan isa qajeelcha'a! Ammoo isinille akka hin ataabanne ifi eeggadha'a. Ba'aa wolii ba'adha'a! Akkasiin Seera Kiristoosii muummessitan. Nami woy hin baane tokko, nama woy bawu yoo ifi seye, ifi gowwoonsa. Nami maraa hujii ifii qoree ilaaluu ti! Achiin duuba worra dhibii woliin wol bira qabee ifi ilaaliisaan adoo hin te'in, ifumaaf waan ittiin ifi jaju hin dhaggata. Nami maraa ba'aa ifii ba'atuu qaba. Nami Jecha Waaqaa baratu, barsiisaa ifii woliin waan dansaa mara qoodamuu ti! Ifi hin sobina'a! Waaqatti funnaan hin dhaabanu. Nami waanuma facaase haammata. Nami akka fedha foon ifii facaasu, fedha foon ifii irraa du'a haammata; nami akka fedha Ayyaanaa facaasu, Ayyaana irraa jiruu bara baraa haammata. Yoo addii kutatuu dhanne, yennaan haamma'aa yennaa geette, waan wolitti qabannuuf, hujii dansaa hujiisa mee dadhannuu ti. Maarre yennaa daguu dhagganne maratti, nama maraaf, keessattuu worra dhugeeffannaa keessa jiruuf, waan dansaa goonuu ti. Qubee gugurdoo attamiitiin akka ani harka kiyyaan isiniif barreessiisatti jiru ilaala'a! Worri waan nafa namaa irratti alaan mudhatu dhaggisiisuu barbaadu, akka isin haqanqabaa qabattanu hunnaan isin godha. Marroo fannoo Kiristoosiitiif, akka miidhaan isaan hin geenne qofaaf tana godhan. Isaan haqanqabaa qabatiisa keessaniin ifi jajiisaaf, haqanqabaa qabatiisa keessan barbaadan malee, worri haqanqabaa qabateeyyuu Seera hin eegatu. Fannoo Goottaa Keenna Yesuus Kiristoosii, ta biyyi lafaa ana irraa ittiin fannifante, ka anille biyya lafaa jalaa ittiin fannifameen malee, waan biraatiin ifi jajuun ijjumaa anaaf hin te'in. Dadaa haareya te'iisa malee, haqanqabaa qabatiisii, yookiin haqanqabaa qabatiisa dhabiisi womaayyuu moti. Worra seera kana hordofu maraa fi Israa'elii worra Waaqaa teeteef, nageyaa fi marartiin teetu. Gadaannisi ani nafa kiyya irratti qabu, garbicha Yesuusii te'uu kiyya waan mudhisuuf, haganaa achi namuu ana hin rakkisin. Obboleeyyan tiyya, badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu. Ameen. Ana Phawuloosii fedha Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuusii te'e irraa, worra Kiristoos Yesuusiif addatantane, kolbaa Waaqaa ta Efesoon keessa jirtanuuf: Waaqi abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya isiniif kennu. Waaqi Abbaan Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, ka Kiristoosiin eebba Ayyaana ol-gubba'aa maraan nu eebbise, galatoomuu ti! Inni dadama biyya lafaatiin duraayyuu, isa duratti woyyootaa fi worra komii hin qanne akka teenu, Kiristoosiin nu filateera. Jaalala ifiitiin, karaa Yesuus Kiristoosiitiin ijoollee ifii akka nu godhatuuf Waaqi akka fedhaa fi halchaa ifii dansa'aatitti duruu murteesseera. Badhaadhi isaa ulfaataan, ka inni ilma ifii jaallatama'aan tola nuuf kenne, akka galateeffamuuf tana godhe. Akkuma durummaa badhaadha Waaqaatitti, dhiiga Kiristoosiitiin wodannee, araara cubbuu teennaa dhaggane. Badhaadha ifiille qaroomaa fi beekkunsa maraan nuuf dhangalaase. Waaqi akkuma duraan karaa Kiristoosiitiin karoorfate, dhossaa fedha ifii akka halchaa ifii dansa'aatitti akka nuuti beennu godhe. Karoorri Waaqi yennaa barri geye muummessu, dadaan ol-gubbaa jirtuu fi lafa irra jirtu mara, wolitti qabantee baallii Kiristoosii jala akka teetu godhiisa. Waaqi waan mara akka fedhaa fi gorsa ifiititti hujatu, jalqaba irrattuu akkuma murteessetti, Kiristoosiin kolbaa isaa akka teenuuf nu filate. Wonni inni tana godheef, nuuti worri Kiristoositti addi godhatiisaan worra duraa teene, akka ulfinna Waaqaatiif galata galchinu. Isinille ergaa dhuga'aa, Oduu Gammadaa ta fayyinna keessanii yennaa dhageettane Kiristoositti dhugeeffattanee, Chaappaa Ayyaana Woyyicha waadaa galame te'een mallatteeffantaneertan. Ayyaanni waan Waaqi kolbaa ifiitiif waadaa gale fudhatiisa keenna hin mirkaneessa. Ulfinna Waaqaatiif galata galchinuu ti. Waan kanaaf, ani haga Goottaa Yesuusitti dhugeeffatiisa keessanii fi kolbaa Waaqaa mara jaallatiisa keessan dhage'ee jalqabee, daadimata kiyya keessatti isin qaabataa, marroo teessaniif Waaqa galateeffatiisa hin lakkinne. Abbaa ulfinnaa, Waaqa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, akka isin isa beettanu, Ayyaana qaroo isin godhuu fi ka Waaqa isinitti mudhisu, akka isinii kennuuf daadimadha. Addiin inni itti isin waame maan akka teete, eebbi baasaa ka inni kolbaa ifiitiif addii kennu durummaa attamii akka te'e, qalbiin teessan banantee ifa isaa akka dhaggitanu, nu worra dhugeeffatulle'eef, hunna isaa ta waan duudi'iin ol teete, attam guddoo akka teete, akka beettanu daadimadha. Hunni tun jabeenna guddaa tama akka, yennaa inni Kiristoos du'a keessaa kaasee, ol-gubba'atti midda ifiititti isa teessise ittiin hujee ti. Waaqi Abbaan bulchitootaa, worra baallii qabu, hunnootaa fi goottota maraa ol, akkasuma biyya lafaa tana qofatti adoo hin te'in, ta dhuttulle'etti, maqaa ulfinnaa ka maqaa maraa olii kenniisaan Kiristoos midda ifiititti teessise. Waaqi waan mara baallii Kiristoosii jala galchee, waan mara irratti mataa godhee wolde'a kiristaanaatiif isa kenne. Wolde'i kiristaanaa nafaa fi guutummaa Kiristoosii waan mara karaa maraan guutuu ti. Isin sababa yakka'aa fi cubbuu teessaniitiif dutaneertaniiyyu. Yennaa san isin karaa hamaa biyya lafaa gula deentane; ayyaana amma kolbaa Waaqaaf hin ajajanne towatu, bulchaa hunnoota ayyaanota qilleensa keessaatiif ajajantane. Dhugumaan marti keennaayyuu akkuma isaanii halchaa foon keennaatii fi qalbii teennnaa waan guutu mara hujataa, akkuma halchaa teennaatitti jiraanne. Nuuti akka dadama keennaatitti, akkuma namoota kaanii, mufii Waaqaa jala jirraayyu. Waaqi mararti'iin dureessaa ammoo, jaalala guddaa nu jaallate irraa ka ka'e, yakkaa teennaan yennaa nuuti duneerruyyuu, inni Kiristoosiin gara jiru'uu nu fide. Isin badhaadha Waaqaatiin fayyitaneertan. Waaqi karaa Kiristoos Yesuusiitiin isa woliin du'a keessaa nu kaasee, isuma woliin addee ol-gubba'aa keessa nu teessise. Durummaa badhaadha ifii ta hagana hin jedhanne, ta arjummaa ifiitiin karaa Kiristoos Yesuusiitiin nutti mudhise, baroota dhufulle mudhisiisaaf inni tana godhe. Isin badhaadha Waaqaatiin karaa dhugeeffanna'aatiin fayyitane malee, hujii teessaniinii moti; isiin tun kennaa Waaqaa ti. Akka nami tokkolle ittiin ifi hin jajne, huji'iinii moti. Nuuti hujii harka isaa waan teeneef, hujii inni duraan dursee qopheesse akka hunyuuf, Waaqi karaa Kiristoos Yesuusiitiin hujii dansa'aaf nu dade. Isin worri dhalootaan worra Yihudootaa hin te'in, Yihudoota harka namaatiin haqanqabaa qabattee, “Haqanqabaa qabanneerra” ifiin jettuun, “Worra haqanqabaa hin qabatin” jedhantanee waamamaa akka turtane qaabadha'a. Isin yennaa san Kiristoos irraa gargar baatanee, kolbaa Israa'eliitiif alagaa teetanee, gondooroo addii Waaqi kenneetiif orma teetanee, biyya lafaa tana keessatti addi'ii fi Waaqa malee akka leetane qaabadha'a. Amma ammoo, isin worri dur fagaattanee turtane, Kiristoos Yesuus woliin tokkummaa qabaachu'uun, dhiiga Kiristoosiitiin dhikaattaneertan. Kiristoos nageya keenna; dalleya diinumma'aa ka isaan gargar nu baaseeru dhiiga ifiitiin diigee, Yihudootaa fi worra Yihudoota hin te'in kolbaa tokko godheera. Karaa kanaan negeya fidiisaaf, gosa lamaanuu irraa ka te'e nama haareya isa woliin wolii galu tokko dadiisaaf, Seera Yihudootaa ajajootaa fi aadaa seerotaa woliin diige. Fannoo irratti du'iisaan Kiristoos diinummaa isaanii balleesse; inni fanno'oon worra lamaanuu nafa tokko godhee Waaqaan wolitti araarse. Maarre Kiristoos dhufee worra Waaqa irraa fagaate, isin worra Yihudoota hin te'iniif, worra gara Waaqaa dhikaate, isin worra Yihudootaatiifille, Oduu Gammadaa ta nageyaa maraafuu lallabe. Yuhudootaa fi worri Yihudoota hin te'in, nuuti martinuu karaa Kiristoosiitiin Ayyaana tokkoon Abbaa bira geyiisa hin dandeenna. Tanaaf, isin worri Yihudoota hin te'in haganaa achi orma yookiin alaga'aa moti; isin amma miseensota maatii Waaqaatii fi kolbaa Waaqaatiin woliin nama biyya tokkoo ti. Isinille hundee ergantootii fi raagoti hundeessan irratti ijaarantaneertan; dhakaan roga qaccee ijaarsaalle Kiristoos Yesuus. Kiristoos Yesuusiin ijaarsi duudiin wolitti qabamee, Galma Waaqaa woyyicha te'iisaaf Gootta'aan guddata. Isinille isumaan worra dhibii woliin addee Waaqi Ayyaana ifiitiin jiraatu te'iisaan ijaaramiisatti jirtan. Sababa kanaaf, ani Phawuloos, isin worra Yihudoota hin te'iniif jedhee hidhamaa Kiristoos Yesuusii te'eera. Bu'aa teessaniif hujiisaaf akka Waaqi badhaadha ifiitiin hujii tana anaaf kenneeru isin dhugumaan dhageettaneertan. Akkuma ani armaan gubba'atti gabaassee isinii barreesse, Waaqi yaada ifii ka dhossa'aa mudhisee akka ani beeku godheera. Isin waan ani barreesseeru yoo dubbittane, hubantii tiyya ta marroo dhossaa Kiristoosii beekuu dandeettan. Dhossaan tun tanaan dura ilmaan namaatitti hin mudhiffanne, Waaqi ammoo Ayyaanaan ergantoota woyyootaa fi raagota woyyoota ifiititti amma mudhiseera. Dhossaan tun, worri Yihudoota hin te'in karaa Wongeelaatiin Yihudoota woliin worra dhaaluu fi miseensa nafa tokkoo te'anee, waadaa Waaqi karaa Kiristoos Yesuusiitiin gale keessalle'etti qoodamiisa. Ani karaa kennansa badhaadha Waaqaa, ka hujii hunna isaatiin anaaf kennameetiin tajaajilaa Wongeela kanaa te'eera. Ani kolbaa Waaqaa mara caalaa diqqaadha; te'uu malee, Oduu Gammadaa ta marroo durummaa Kiristoosii muummee hin qannee worra Yihudoota hin te'iniif akka lallabuuf Waaqi badhaadha kana anaaf kenne. Akkasuma karoorri dhossaa baroota dabarane keessatti Waaqa waan mara dadeen dhoffantee turtee, maan akka te'e, akka mudhisuuf badhaadhi naa kenname. Wonni tun teeteef, bara ammaa, karaa wolde'a kiristaanaatiin, bulchitootii fi hunnooti ol-gubba'aa qarooma Waaqaa bifa adda addaa maraan akka beekkanu. Waaqi akkuma karoora isaa ka bara baraatitti, karaa Goottaa keenna Kiristoos Yesuusiitiin tana muummesse. Nuuti Kiristoosiin waan jirruu fi isatti waan dhugeeffanneeruuf, sodaa malee gara Waaqaa dhikaatiisaaf ifi addii qanna. Sababa ani isiniif rakkatiisatti jiruuf, akka addii hin kutanne isin kadhadha; wonni martinuu ulfinna keessaniif teete. Waan kanaaf ani Abbaa duratti jilbiiffadha. Maatiin ol-gubbaa jirtuu fi lafa irra jirtu marti maqaa dhuga'aa Waaqa biraa fudhatti. Durummaa ulfinna isaatiin keessi keessan karaa Ayyaana isaatiin akka jajjabaatu hunna akka isiniif kennu daadimadha. Karaa dhugeeffanna'aatiin Kiristoos gadhaa keessan keessa akka qubatu ani hin daadimadha. Ani akka isin jaalalaan hiddaa fi hundee qabaattanu daadimadha. Jaalalli Kiristoosii hagam akka badhatuu fi dheeratu, hagam akka ol fagaatuu fi gad fagaatu, akka isin kolbaa Waaqaa mara woliin hunna hubanti'ii qabaattanu, akkasuma jaalala Kiristoosii ka beekkunsa bira dabare te'e san beettanee, guutummaa Waaqaa maraan akka guutantanu daadimadha. Hunna amma nu keessa hujiisatti jirtuun waan nuuti gaafatiisa, yookiin yaadatiisa dandeennu mara irra akka malee caalchisee hujiisa ka dande'uuf, Karaa wolde'a kiristaanaatii fi karaa Kiristoos Yesuusiitiin bara baraan ulfinni Waaqaaf te'u! Ameen. Ani sababa Goottaa tajaajiluuf hidhamaa ka te'e, waamicha itti waamantane saniif akka maletti akka leetanu isin gorsa. Yennaa mara worra ifi gadi qabu, worra qajeela'aa fi ossaameyyii te'a'a. Jaalalalle'een wol dande'a'a. Nageya wolitti isin qabu ka Ayyaanni Woyyichi kennu eegatiisaaf waan dandeettanu mara godha'a. Akkuma addiin Waaqi itti isin waame takkaa teete, nafa tokkoo fi Ayyaana tokkotti jira. Akkasuma Goottaan tokko, dhugeeffannaan tokko, cuupham tokko jira; ammalle ka mara caalu, ka mara keessalle huju, ka mara keessa jiraatu, Abbaa kolbaa maraa ka te'e, Waaqa tokkochatti jira. Akkuma safara kennansa Kiristoosiititti badhaadhi tokko tokkoo keennaaf kennameera. Barreeffam Wayyichi, “Inni gara gubba'aa yennaa ol baye, boojuu hedduu booji'ee, namootaaf kennansa kenne” jedha. Amma, “Ol baye” jechuun maan jechuu isaa ti? Duraan dursee biyya lafaa tana keessa addee gad aantu'utti gad dhufeera jechu'u. Maarre ka gad dhufe, waan duudii dhaggama ifiitiin guutiissaf kama ol-gubbaa maraan ol baye. Inni worri gariin ergantoota, gariin raagota, gariin lallaboota Wongeelaa, gariin towattoota, gariin barsiisota akka te'anuuf kennansa isaaniif kenne. Inni nafa Kiristoosii ka te'e wolde'i kiristaanaa akka ijaaramuuf, kolbaa Waaqaa hujii tajaajila kiristaanaatiif qopheesiisaaf tana godhe. Maarre marti keenna dhugeeffannaa teennaa fi Ilma Waaqaa beekiisaan tokko hin teena; ayyaanaan bilchaannee, nama geyaa teenee, haga Kiristoosii geenna. Nuuti danbali'iin gara duraatii fi duubaa raafamaa, qilleensa barsiisa kolbaa dokonkorsitu'uu, ka maltumma'aan worra dhibii sobee dokonkorsuu fi asii achi afuufuun, haganaa achi ijoollee hin teenu. Kanaa mannaa, jaalalaan dhugaa dubbataa, gara Kiristoosii mataa te'ee, karaa maraan guddanna. Kiristoosiin nafi duudiin morgeyaan hidhamee wol qabatee, mitikaan nafaa marti wol qaqqabateera. Maarre yennaa mitikaan martinuu akka hujiisaaf maletti huju, nafi duudiin jaalalaan guddatee ifi ijaara. Yoona akka worra yaadi isaanii bu'aa hin qannee, akka worra Yihudoota hin te'inii akka hin leene, maqaa Gootta'aatiin jabeessee isin gorsa. Qalbiin isaanii dukkanootteerti; sababa beekuu hin barbaannee fi gadhaa jabeenna isaaniitiif jiruu Waaqi kennu irraa gargar bayaneeran. Isaan fokkoo dhabanee, amala bada'aa fi battummaa mara hujiisaaf joljolanee ifi dabarsanee kennaneeran. Marroo Kiristoosii wonni isin barattane akkasii moti. Dhugumaan marroo isaa dhageettaneertan; dhugaa Yesuus keessa jirtulle barattaneertan. Le'ii dullattii dur le'aa turtane, ta halchaa sobaatiin badde san ifi irraa gata'a. Ayyaana qalbii teessaniitiin haareffama'a. Jiruu haareya, balchumma'aa fi woyyummaa dhuga'aatiin ifi mudhittu, ta fakkeenna Waaqaatiin dadante san uffadha'a. Maarre, yoona soba lakkisa'a! Nafa Kiristoosiitiin marti keenna miseensa wolii waan teeneef, dhugaa wolitti dubbannuu ti. Isin yoo mufattane, mufiin teessan gara cubbuu isin hin geessin; mufii teessan irratti aduun isinitti hin seenin. Seexanaafille karaa hin kennina'a. Ka hatu hanna lakkisee, worra rakkata'aafille waan kennu akka qabaatu, harka ifiitiin hujii dansaa elowee addatamaan hujuu ti. Dubbii bu'aa qadduu fi akka barbaachittetti ta ijaartu, worra dhage'uufille badhaadha ta kennitu malee, dubbiin hantuun afaan keessanii hin bayin. Guyyaa itti wodantanuuf chaappaa ittiin mallatteeffantane, Ayyaana Woyyicha Waaqaa hin gaddisiisina'a. Hammeenni hadhawaan, mufiin, aariin, caanci moroma'aa, arrabii fi hammeenni martinuu isin irraa fagatu. Akkuma Waaqi karaa Kiristoosiitiin isiniif araarame, woliif araarama'a, woliif arjooma'a, gadhaalle woliif laafa'a. Isin jaallatantoota ijoollee Waaqaa eega teetanee, fakkeenna isaa gula deema'a. Akkuma Kiristoos nu jaallatee, akka kennansa uddowa'aa fi woreega Waaqa gammachiisuu, jiruu ifii akkuma nu'uuf kenne, isinille jaalalaan jiraadha'a. Isin kolbaa Waaqaa eega teetanee, sagaagaluun yookiin battummaan martinuu yookiin joljolummaan wodhakkaa teessanitti te'uu lakkisiitii, oduunuu dhage'amuu hin qaddu. Waaqa galateeffadha'a malee, dubbii gurratti hin tolle, dubbii shufuroo, dubbii fokkisiittu hin dubbatina'a. Sagaagaltichi, yookiin battichi, yookiin joljoltichi jechuun ka waaqa dharaa waaqefatu mootummaa Kiristoosiitii fi Waaqaa keessatti qooda akka hin fudhanne beeka'a. Eennulle dubbii dharaatiin isin hin sobin; sababa waan kanaatiif mufiin Waaqaa worra isaaf hin ajajanne irratti hin dhutti. Tanaaf kolbaa akkasii woliin tokkummaa hin qabaatina'a. Isin dur dukkana keessa turtane, kolbaa Gootta'aa eega teetane ammoo, ifa keessa jirtan. Maarre isin akka kolbaa ifaa jiraadha'a. Sababille wonni dansaan marti, balchumma'aa fi dhugaan ifa keessaa madditi. Waan Goottaa gammachiisu qorqora'aatii bira geya'a. Hujii dukkanaa, ta bu'aa hin qanne san, ifatti baasa'a malee, itti hin hirmaatina'a. Waan isaan dhossa'atti hujanee dubbatiisinuu hin fokkifachiisa. Wonni marti yennaa gara ifaa baate, bifi isi'ii dhugichi ifa te'ee hin mudhata; Sababille ifi waan mara mudhisa. Tanaaf, “Ati ka rafiisatti jirtu, dammaqi! “Du'a keessaa ka'i! “Kiristoos si'iif hin issa” jedhame. Maarre isin attam akka leetanu ifi hubadha'aa ilaalladha'a. Akka qaroole'ee malee, akka gowwoole'ee hin le'ina'a. Barri kun hamaa waan te'eef, yennaa dagu'uu maratti fayyadama'a. Fedhiin Gootta'aa maan akka teete hubadhaa malee, gowwoolee hin te'ina'a. Ayyaana Woyyichaan guutama'a malee, daadhii woyni'ii ta isin balleessituun, hin machowina'a. Faaru'uu fi faruu leellisaatiin, faaruu Ayyaanaatille'een woliin dudubbadha'a; faaru'uu fi faaruu leellisaatiin gadhaa keessan keessatti Goottaa galateeffadha'a. Maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, waan maraaf, yennaa mara, Waaqa Abba'aaf galata galcha'a. Ulfinna Kiristoosiitiif jedha'aatii woliif ajajama'a. Haadhotiin manaa, akkuma Goottaa Yesuusiif ajajamanu abbootii manaatiif ajajamanuu ti. Akkuma Kiristoos wolde'a kiristaanaatiif mataa te'e, abbaan manaa haadha manaatiif mata'a; Kiristoos nafa isaa ka teete, wolde'a kiristaanaatiifille fayyisa'a. Wolde'i kiristaanaa Kiristoosiif akkuma ajajamu haadhotiin manaa abbootii manaa isaaniitiif waan maraan ajajamanuu ti. Abbootii manaa! Akkuma Kiristoos wolde'a kiristaanaa jaallatee ifi dabarsee kenne, isinille haadhotii manaa teessan jaalladha'a. Inni wolde'a kiristaanaa karaa Jecha ifiitiin bisaaniin dhiqee qulqulleessee, Waaqaaf woyyoonsiisaaf tana godhe. Maarre akkasiin xurii yookiin shuntuurata fuulaa yookiin wonni hantuun akkasii irratti adoo hin dhaggamin, Woyyicha, ka komii hin qanne, shaggaa godhee, wolde'a kiristaanaa gara ifii dhikeessa. Akkasuma, abbootiin manaa akkuma nafa ifii jaallattu haadhotii manaa ifiille jaallatuu ti. Ka haadha manaa ifii jaallatu ifi jaallata. Nami nafa ifii jibbu hin jiru; ammoo akkuma Kiristoos wolde'a kiristaanaatiif godhu, hin nyaachisa, hin qananiisa. Sababille nuuti mitikaa nafa Kiristoosii ti. Barreeffam Woyyichi, “Sababa kanaaf nami haadhaa fi abbaa lakkisee, haadha manaa ifiititti maxxana; lamaanuu tokko hin te'an” jedha. Kun dhossaa guddo'o; ani marroo Kiristoosiitii fi marroo wolde'a kiristaanaa dubbatiisatti jira. Te'uu malee, isin martinuu akkuma ifi jaallattanu haadha manaa teessan jaalladha'a; haati manaalle abbaa manaa ifii ulfeessituu ti. Ijoolle! Waan barbaachisaa te'eef, abbooti'ii fi haadhotii teessaniif akka Goottaan fedhutti ajajama'a. “Abba'aa fi haadha teeti ulfeessi” ajaja jedhu woliin addiin qara kennante: “Dansaan akka siif teetuu fi lafa irra bara dheeraa akka leetu” jedha. Abbootii! Ijoollee teessan adabaa fi gorsa Gootta'aatiin guddisa'a malee, akka aartu hin godhina'a. Garboota! Isin akkuma Kiristoosiif ajajantanu, gadhaa tokkochaan, soda'aa fi rommiisaan goottota teessan ta biyya lafaatiif ajajama'a. Isaan gammachiisuu qofaaf, ila isaanii dura calla'atti adoo hin te'in, akka garbicha Kiristoosiititti, gadhaa tokkoon fedhii Waaqaa muummessa'a. Akkasuma nama adoo hin te'in, akka Goottaa tajaajiltanutti, gammadaan tajaajila'a. Garbichalle te'ee yookiin ka garbicha hin te'in, hujii dansaa hujeef, Goottaa biraa gatii akka fudhatu hin beettan. Isinille goottole'e! Goottaan keessanii fi garboota teessanii ka nama wol hin caalchinne, akka ol-gubbaa jiru waan beettanuuf, sossodaachisiisa lakkisa'aatii, garboota teessaniif dansaa godha'a. Yoona, Gotta'aa fi hunna isaa jaddu'uun jabaadha'a. Maltummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeettanu, meya woraanaa ka Waaqaa duudii hidhadha'a. Wodhaantoon teenna ilmaan namaatiin mormiisa adoo hin te'in, bulchitoota, worra baallii qabanuu fi hunna biyya lafaa ta dukkanaa tana ka te'ane, irree ayyaana hamaallessa ol-gubba'aatiin mormiisa. Maarre guyyaa hamaa san, hunna diinaa adhatiisa akka dandeettanuuf, waan mara muummesitanee, jabaattanee dhaabbatiisa akka dandeettanu, meya Waaqaa ka woraanaa mara hidhadha'a. Tanaaf, dhugaa akka hiitu'uu hidha keessanitti hidhada'aatii, balchummaa akka qomoo sibiilaa kayadha'aa dhaabbadha'a. Wongeela nageyaallee akka Kophe'ee miilatti keyadha'aatii qophowa'aa dhaabbadha'a. Kana mara woliin, daayota hamaallessaa ka bobe'u mara, dhugeeffannaa ittiin dhaanfuu dandeettanu, akka wonte'ee qabadha'a. Fayyinna akka gullee sibiilaa keyadha'a; Jecha Waaqaa ka Ayyaanni Woyyichi isinii kennulle akka goraade'ee qabadha'a. Yennaa daadimattanuu fi kadhattanu mara Ayyaana Woyyichaan sooreffamaa daadimadha'a. Akkasiin kolbaa Waaqaa maraaf dammaqa'aatii jabaadha'aa daadimadha'a. Dhossaa Wongeelaa sodaa malee beessisiisaaf, yennaa ani dubbatiisaaf qophaaye, Waaqi akka jecha anaaf kennu analle'eef daadimadha'a. Ani amma wodaroo sibiilaatiin hidhamee jiraadhulle, ergamaa Wongeela kanaa ti. Tanaaf akka dubbatu'uuf maletti, marroo Wongeelaa sodaa malee akka ani dubbadhu daadimadha'a. Obboleessi keenna Xikiqoosiin jaallatama'aa fi tajaajila hujii Gootta'aatiin addatamaan, waan ani hujiisatti jiruu fi attam akka ani jiru akka beettanu, waan mara isinitti hin hima. Nuuti martinuu attam akka jirru akka beettanuu fi akka isin jajjabeessuuf, isa gara keessan erga. Waaqa Abbbaa biraa, Goottaa Yesuus Kiristoos biralle'ee, nageennii fi jaalalli dhugeeffannaa woliin kiristaanota maraaf te'uu ti. Badhaadhi Waaqaa worra Goottaa keenna Yesuus Kiristoos jaalala hin banneen jaallatu maraaf te'uu ti. Tajaajiltoota Yesuus Kiristoosii ka teene Phawuloosii fi Ximootewoos irraa, worra qachaa Filiphisiiyuusii keessa le'u, ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin balchoome maraaf, akkasuma toyattootaa fi gargaartuu wolde'a kiristaanaatiif: Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya isiniif kennu! Ani yennaa isin qaabadhu maraa Waaqa galateeffadha; Guyyaa qaraatii jalqaddanee haga ammaa hujii Oduu Gammadaa keessatti waan hirmaattaneef, yennaa isin maraaf daadimadhu maraa gammadaan daadimadha. Waaqi hujii dansaa isin keessatti jalqabe, haga guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee dhufuutitti, akka muummessu ani mama hin qabu. Yennaa ani amma hidhameeruu fi adoo hin hidhamin Oduu Gammadaatiif falmadhuu fi isii jabeessu, isin martinuu ana woliin badhaadha Waaqaa waan qoodantaneef, yennaa mara gadhaa kiyya keessa jirtan. Maarre marroo teessaniif yaadi natti dhage'amiisatti jiru sirri'i. Jaalala Yesuus Kiristoosiitiin attam akka ani isin maraa dharra'u Waaqi hin beeka. Jaalalli keessan beekkumaa fi hubanti'iin ka gutame te'ee ittuma akka guddatuuf hin daadimadha. Waan irra caalu qorattanee akka beettanuu fi yennaa Kiristoos deebi'ee dhufu qulliyye'ee fi komii malee akka dhaggantanuuf ani tana godha. Akka kanaan jiruun teessan midhaan balchumma'aa, ka Yesuus Kiristoosiin dhaggamuun ta guutante teetee, ka ulfinnaa fi galata Waaqaaf dhaggisiittanu hin teetan. Obboleeyyan tiyya! Wonni na dhaqqabe maraa, Oduun Gammadaa akka badhattu akka godhe, akka beettanu barbaada. Akka ani Kiristoosiif jedhee hidhame, eedduu mana mootumma'aatii fi worra dhibii maraa biratti beekkameera. Waan ani hidhameef dhugeeffattoota keessaa hedduun Gootta'atti addataneeran; jecha Waaqaa sodaa malee lallabiisaafille ka qaraa caalaa jabeenna dhaggataneeran. Worri gariin hinaaffa'aa fi qoxxe'een Kiristoos lallaban; worri kuun ammoo fedha dansa'aan lallaban. Worri jaalala dansa'aan Kiristoos lallabu, akka ani Oduu Gammadaatiif falmatiisaaf as keyameeru hin beeka. Worri halchaa fedha ifii hordofiisaan dabaan Kiristoos lallabu ammoo, hidhamuu kiyya irratti rakkinna dabaliisaaf yaadatanee lallaban. Womaa moti! Fakkeessiisaanille te'ee, dhuga'aanille te'u karaa maraan Kiristoos lallabameera! Ani kanatti hin gammada. Haganaa achille ittuma hin gammada; sababille daadimannaa keessanii fi gargaarsa Ayyaana Yesuus Kiristoosiitiin akka bilisa bawu hin beeka. Karaa tokkolle'een akka ani hin qaanonne, halcha'aa fi addiin tiyya san; ammoo akkuma yennaa maraa tolchu, amma jiru'uun yookiin du'aan Kiristoos nafa kiyya irratti akka ulfaatu jabeenna guutuu hin qabaadha. Maarre jiruu jechuun anaaf Kiristoosiin le'iisa, duutille bu'aa tiyya. Ani yoo fooniin jiraadhe, sun anaaf hujii midhaan qaddu ittumma hujiisa; ammoo kam akka filadhu hin beeku. Waan lamaan kanaan rakkadheera: ani le'ii tana lakkisee, Kiristoos woliin le'uu fedha; kun waan mara calaa anaaf woyya. Te'uu malee fooniin jiraachuun kiyya isiniif caalaa barbaachisa'a. Ani kana hubatiisaan, akka isin dhugeeffanna'aan guddattanuu fi akka gammaddanu, isin maraa bira akka turuu fi akka jiraadhu beekeera. Ani yennaa deebi'ee gara keessan dhufe, booniisi isin Kiristoos Yesuusiin qaddanu sababa kiyyaan hin fakkana. Isinummaan akka Oduun Gammadaa ta Kiristoosii jettutti jiraadha'a; tana yoo gootane, ani dhufee yoo isin dhagge yookiin fagoo jiraadhee waan keessan yoo dhage'e, dhugeeffannaa Oduu Gammadaatiif akka nama tokkoo teetanee falmatiisaan ayyaana tokkochaan jabaattanee akka dhaabbattanu hin beeka. Waan tokkolle'een mormitoota teessan sodaattanee hin raafamina'a! Jabeenni kun Waaqa irraa isiniif kenname; kunille isaaniif beessisa badi'ii ti; isiniif ammoo beessisa fayyinnaa ti. Carraa Kiristoosiitti dhugeeffatiisaa callaa adoo hin te'in, carraan isaaf rakkinna fudhatiisaalle, isiniif kennameera. Tanaaf akkumma kanaan dura rakkinni ana geyeeruun dhaggitanee fi akkuma ammalle ana geyiisatti jiruun dhageettanu, isinille rakkinnuma san fudhatiisatti jirtan. Kiristoosiin jabeenna, jaalala isaatille'een jajjabeenna, Ayyaana Woyyicha wolille'een tokkummaa yoo qabaattane, mararti'ii fi gadhi-laafummaa woliif yoo mudhittane, yaada tokko te'iisaan, jaalala tokko qabaatiisan, ayyaanaa fi kaayo'oon tokko te'iisaan gammadi kiyya guutuu akka te'u tolcha'a. Ifi gad qabiisaan worra dhibii ifi caalchisa'aatii ilaala'a malee, halchaa ifi jaallatiisaatiin, yookiin ifi saadiisaatiin waan tokkolle hin godhina'a! Nami martinuu bu'aa worra dhibi'iille ilaaluuti malee, bu'aa ifii callaa hin ilaalin! Yaada Kiristoos Yesuus qabaate isinille qabaadha'a: Inni yennaa maraa adaba waaqqumma'aa adoo qabuu, ulfinna waaqumma'aa, ka Waaqa woliin isa qixxeessu lakkisiis akka hin malleetitti hin laakkonne. Ammoo ulfinna ifii lakkisee akka garbaa te'ee mudhate; akka namaa te'ee dhalate; nama fakkaatee mudhate. Ifi gad qabee, haga du'aatitti, haga fannifamee du'ulle'etti, ka ajajamu te'e. Tanaaf Waaqi isa guddisee ol aansee, maqaa maqaa mara caalulle kenneef. Tanaaf worri ol-gubbaa jiru, worri lafa irra jiruu fi worri lafa jala jirulle martinuu, ulfinna maqaa Yesuusiitiif hin jilbiiffatan. Arrabi martinuu, ulfinna Waaqa Abba'aatiif, Yesuus Kiristoos Goottaa akka te'e, dhugaa baasee hin dubbata. Tanaaf, obboleeyyan tiyya! Yennaa mara akkuma ajajantane, yennaa ani isin bira jiru callaa adoo hin te'in, irra caalaa yennaa ani amma isin bira hin jirre ajajama'a! Soda'aa fi rommiisaan fayyinna keessan muummessiisaaf ittuma huja'a; sababille yaada isaa muummessiisaaf, fedha akka qabaattanu ka isin keessatti huju Waaqa. Waan mara gungumiisaa fi moromaa malee godha'a! Yoo tana gootane, ijoollee Waaqaa ta komii hin qannee fi qulliyyee teetanee, dhaloota miccirama'aa fi hamaa kana keessatti akka urji'ii hin issitan. Jecha jiru'uu jabeessitanee yoo qabattane, rukke'ee fi dadhabbiin tiyya gatii malee waan hin hanneef, guyyaa Kiristoos mura'aaf dhufu waan ittiin ifi jaju hin qabaadha. Ciinca'aa fi kennaa isin dhugeeffanna'aan Waaqaaf kennitanu irratti, dhiigi kiyyalle akka dhibaayyu'uu adoo dhibaaffamelle ani hin gammada, isinille gammada kiyya ana woliin hin qoodantan. Akkasuma isinille gammaddanee, gammada keessan ana woliin qoodamuu qaddan. Marroo teessan dhage'ee gadhaan kiyya akka gammaduuf, dafee Ximootewoos gara keessan ergiisaaf Goottaa Yesuusitti addii godhadha. Nama nageya keessaniif gadha'aan isiniif yaadatu ani isa malee hin qabu. Worri kuun maraa Yesuus Kiristoosiif adoo hin te'in, bu'aa ifii barbaadatan. Ximootewoos ammoo nama addatam isaa mirkanaye akka te'e, ana wolille'een akka abba'aa fi ilmaa teenee, hujii Oduu Gammadaa hujaa akka turre isinuu hin beettan. Dubbiin tiyya maan akka teetu akkuma beekeen isa gara keessan akka ergu hin addadha. Aninuu gara keessan dafee akka dhufu Gootta'atti addi qaba. Akkasuma, obboleessa kiyya Ephafrodixos, ka cinaa tiyya dhaabbatee loltichaa fi waa'ela hujii tiyya te'e, ka waan anaaf barbaachiseen akka ana tajaajiluuf isin ergitane, ergamaa keessan san deebisee gara keessan erguun barbaachisaa teetee anatti mudhateerti. Inni isin maraa dhaggiisaaf dharra'eera; akka inni dhukkuffateeru waan dhageettanelle'eef yaadeera. Inni dhugumaan akka malee dhukkuffatee du'a geyeeraayyu. Waaqi ammoo isaaf marareera; isa calla'aaf adoo hin te'in, akka ani gadda irratti gadda hin dabalanneef analle'eef marareera. Tanaaf isin isa deebitanee dhaggitanee akka gammaddanuu fi gaddi kiyyalle akka goomuuf, isa gara keessan ergiisaaf guddoo fedheera. Maarre maqaa Gootta'aatiin gammada guutu'uun isa fudhadha'a; nama akka isaa jiru mara ulfeessa'a. Gargaarsa isin anaaf kennuu hin dande'in guutiisaaf jedhee, adoo jiruu ifiitiifille hin qorin, hujii Kiristoosiitiif du'a geyeeraayyu. Muummee irratti, obbboleeyyan tiyya! Gootta'atti gammada'a; waan kanaan dura isiniif barreesse irra deebi'ee yoo isiniif barreesse ana hin bagsiisu; kun isinille dokonkora irraa hin eega. Worra akka sare'ee foon nafa namaa kukkutiisaan, hantuu godhu irraa ifi eeggadha'a! Nuuti worra Ayyaanaan Waaqa waaqoffannuu fi worra Yesuus Kiristoosiin ifi janyu malee, worra sirna fooniititti addannu waan hin te'iniif, dhugumaan haqanqabaa qabanneerra. Adoo waan ifi jajiisi barbaachisaa te'e, ani waan heddu'uun ifi jajiisaaf hin dande'a; nami sirna fooniitiin ifi jaju yoo jiraate, ani isa caalaa waan ittiin ifi jaju qaba. Dhaladhee guyyaa saddeetesso'oo haqanqabaa qabadhe; sanyii Israa'elii, gosa Beniyaamii keessaa dhaladhe. Abbaan kiyyaa fi haati tiyya Ibroota waan te'aneef ani Ibricha makaa hin qanne; karaa seera eegatiisaatille'een, ani worra Fariisaayotaa keessaa tokko. Seera kanaaf hinaafiisaan wolde'a kiristaanaa miidhaa ture; balchummaan seera eegatiisaan waan dhaggantu adoo teetee, ani komii hin qabuuyyu. Amma ammoo Kiristoosiif jedhee, waan bu'aa anaaf qabu maraa akka waan bu'aa hin qanneetitti laakkoweera. Kana calla'aa moti; Goottaa kiyya Yesuus Kiristoos beekuun, waan mara waan caaluuf, ani waan maraa akka waan bu'aa hin qanneetitti hin laakkowa; Kiristoos bu'aa kiyya godhatiisaaf kun maraa anaaf waan bu'aa hin qanne te'eera; akka kosi'iille laakkoweera. Akkisiin ani ka Kiristoosii te'ee dhaggame. Maarre balchummaan tiyya ta seera eeggatiisaan dhaggante adoo hin te'in, Kiristoositti dhugeeffatiisaan ta dhaggante; balchummaan tun Waaqa irraa dhutti; dhugeeffannaa irralle'etti hundootti. Ani Kiristoosii fi hunna du'aa ka'a isaa beekuu, rakkinna isaa qoodamu'uu fi du'alle'een isa fakkaatuu barbaada. Du'aa ka'ee akka jiraadhu hin addadha. Kana maraa dhaggadheera yookiin guutadheera jechu'uu moti; ammoo Kiristoos ka ifii na godhatee badhaasa anaaf qopheesse san harkatti galfatiisaaf hin mixiixxadha. Obboleeyyan tiyya! Ani ammalle akka waan harka keessa galfadheetitti hin laakkowu. Te'uu malee ani waan tokko hin godha; waan duubatti hafe lakkisee, gara waan na dura jiruutitti hiixadha. Badhaasa kiyya dhaggatiisaafille gara yaada na dura jiruu rukkisa; badhaasi kunille jiruu Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara ol-gubba'aa na waamee naaf kennu. Yoona nuti worri jiruu ayyaanaatiin bilchaanne maraa yaada tokko qabaatuu qanna; waan tokko tokko irratti yaada adda addaa yoo qabaattanelle, Waaqi sanille isiniif hin mudhisa. Te'uu malee waanuma duraan baranne callaa jabeessinee qabannuu ti. Obboleeyyan tiyya! Fakkeenna kiyya hordofiisatti hirmaadha'a! Worra fakkeenna keenna hordofulle hubadha'aa ilaala'a! Kanaan dura akkuma yennaa hedduu isinitti hime, ammalle imimmaaniin isintitti hima; worri hedduun fannoo Kiristoosiitiif diina te'aneeran. Muummeen isaanii badi'i; gadhaan isaanii waaqa isaanii ti; salphinni isaaniif ulfinna; waan lafaa qofa yaadatan. Nuuti ammoo nama biyya ol-gubba'aa ti; nuuti Goottaa keenna Yesuus Kiristoos, Fayyisaa achii dhufu dharra'aan eegganna. Inni hunna ittiin waan mara baallii ifii jala godhuun, nafi keenna salphataan kun, nafa isaa ka ulfinna qabu san akka fakkaatuuf hin jijjiira. Maarre tanaaf, obboleeyyan tiyya ta ani jaalladhuu fi dharra'u, ta gammadaa fi kallacha kiyya teetane, Gootta'aan jabaadha'aa dhaabbadha'a. Obboleettoti teenna Ewodiya'aa fi Sinxiikeen maqaa Gootta'aatiin gadhaa tokko akka te'anu kadhadha. Atille waa'elli kiyya addatamaan, dubbartoota tana akka gargaartuuf si kadhadha; dubartooti tun, Kilemensii fi worra dhibii worra maqaan isaanii kitaaba jiru'uu keessatti barreeffame, lansoota tiyya woliin te'anee, Oduu Gammadaa dhaqqassiisiisaaf ana woliin jabaatanee hujaneeran. Yennaa mara Gotta'aan gammada'a! Ittuma deebi'ee jedha, gammada'a! Qajeelummaan teessan nama mara biratti ta beekkante teetuu ti; Goottaan dhufiisa geyeera. Maarre daadimataan, kadha'aa fi galataan waan mara Waaqatti beessisa'a malee waan tokkolle'eef hin yaadina'a. Nageenni Waaqaa ka hubantii namaa mara caalu, karaa Yesuus Kiristoosiitiin gadha'aa fi qalbii teessan hin eega. Muummee irratti obboleeyyan tiyya! Qalbii teessan waan dansa'aa fi waan galateeffachiisuun guuta'a: waan dhugaa te'e, waan ulfinnaa, waan sirrii te'e, waan qulluu te'e, waan gammachiisuu fi waan galata qabu maraa yaadadha'a! Waan ana irraa barattane, waan ana irraa fudhattane, waan ana irraa dhageettanee fi waan ani hujuun dhaggitane maraa isinille tolcha'a! Waaqi abbaan nageyaa isin woliin hin jiraata. Yennaa heddu'uun duuba ammalle anaaf yaadatuu waan jalqaddaneef, ani Gootta'atti guddoo gammada. Duraanuu dhugumaan anaaf yaadataa turtane; huji'iin mudhisiisaaf ammoo daguu hin dhagganne. Kana jechuun kiyya ani gatameera jechu'uu moti; ani, “Ka qabuu na geya” jechuu baradheera. Ani waan diqqo'oo fi haga barbaachisuun caalaalle horatiis maan akka te'e beeka; maarre ani dhossaa haala maraa fi addee maratti quufaa fi beelaan, haga naa barbaachisuun gadii fi haga naa barbaachisuun ol qabaatiisalle baradheera. Hunna Kiristoos anaaf kennuun waan mara godhiisaaf hin dande'a. Te'uu malee rakkinna kiyya waan qoodantaneef, dansaa gootaneertan. Yennaa ani jalqaba Oduu Gammadaa lallabiisaaf Maqedooniya'aa baye, isin malee wolde'i kiristaanaa tokkolle kenniisaa fi fudhatiisaan na gargaariisaaf akka hin hirmaatin, isin worri Filiphisiiyuusii hin beettan. Yennaa ani Tasalonqe'elletti rakkadhe, itti deddeebitanee gargaarsa anaaf ergitaneertan. Kenniisaan ittuma eebba akka dhaggattanuuf malee, kennaa teessan dhaggatiisaaf barbaadeetii moti. Waan anaaf barbaachisuu fi haga anaaf barbaachisuun caalaalle fudhadheera; kennaa isin naa ergitane harka Ephafrodixosii irraa fudhadhee naa mijooteerti; kennaan teessan tun, akka ciincaa uddaa qabuu, ka Waaqi fudhatuutii fi itti gammaduu ti. Waaqi kiyyalle durummaa ulfinna ifiitiin, karaa Yesuus Kiristoosiitiin, waan isiniif barbaachisu maraa isiniif hin mijeessa. Waaqa Abbaa keennaaf ulfinni bara baraa haga bara baraa te'u! Ameen. Kolbaa Waaqaa maratti maqaa Yesuus Kiristoosiitiin nageya anaaf hima'a; obboleeyyan asi na woliin jirtulle nageya isiniif dhaanti. Kolbaa Waaqaa mara, keessattuu worri mana mootii worra Rooma'aa keessa jiru nageya isiniif dhaama. Badhaadhi Goottaa Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu. Ana Phawuloosii fedha Waaqaatiin ergamaa Yesuus Kirsistoosii te’ee fi obboleessa keenna Ximootewoos irraa, dhugeeffattoota Kiristoosiin woyyoontanee fi addatantane, ka qachaa Qolaasiyaasii keessa jirtanuuf: Waaqi Abbaan keenna badhaadhaa fi nageya isiniif kennu. Yennaa isiniif daadimannu, yennaa mara Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii hin galateeffanna. Sababille Kiristoos Yesuusitti dhugeeffatuu kessaanii fi kolbaa Waaqaa mara jaallachuu keessan dhageenneerra. Jecha Waaqaa ka teete Oduun Gammadaa, yennaa jalqaba gara keessan geette, addii isii keessa jirtu dhageettaneertan; tanaaf dhugeeffanna'aa fi jaalalli keessan addii ol-gubba'atti qophoottee, isin eegattu irratti hundootte. Isin Oduu Gammadaa tana haga dhageettanee fi dhugummaa badhaadha Waaqaalle guyyaa hubattaneen jalqaddanee, Oduun Gammadaa tun odduu teessanitti akkuma teete, biyya lafaa duudii keessatti midhaan buusiisaa fi guddatiisatti jirti. Ephafraa jaallatamaa ka addee teenna bu'ee tajaajilaa addatamaa Kiristoosii te’ee fi ka nu wolille'een hojjatu irraa tana barattaneertan. Ayyaana Waaqaatiin isin wol jaallatiisa keessanille inni nutti himeera. Tanaaf guyyaa waan kana dhageennee jalqannee, isin qaroomaa fi hubantii Ayyaanaa maraan, beekkuma guutuu ka ittiin fedhii Waaqaa hubatanu akka qabaattanu isiniif daadimatiisaa fi Waaqa kadhatiisa hin lakkinne. Akka isin akka Goota'aa maltetti le'iisaan guutuma guutu'utti isa gammachiittanu, hujii dansaa hujiisaan midhaan akka buuttanuu fi Waaqalle beekiisaan ittuma guddattanu hin daadimanna. Goottaan hunna ifii ulfaata'aan, jabeenna isiniif kennu; waan mara ossaan dande'iisaafille ka gammaddanu isin godhu. Mootummaa ifaa keessatti worra woyyicha woliin dhaala akka qoodattanu, Waaqa Abbaa isin geessiselle gammadaan galateeffadha'a. Inni hunna dukkanaa jalaa nu fayyisee gara mootummaa Ilma jaallatamee akka gallu nu tolcheera. Nuuti Ilma isaatiin wodannee, araara cubbuu teennaa dhagganneerra. Kiristoos Waaqa ilaan hin dhagganneef fakkeenna dhugaamessa. Inni angafa waan dadame maraa ti. Sababilleen wonni ol-gubba'aa fi lafa irra jiru, wonni mudhatuu fi hin mudhanne, hunnootii fi bulchitooti ol-gubba’aa, dura aantole'ee fi worri baallii qabanu duudiinuu isaan dadamane. Waaqi waan duudii karaa isaatii fi isaaf dade. Inni waan duudi'iin duraa jira; wonni duudiin isaan wol qaqqabatee dhaabbate. Inni wolde'a kiristaanaa ka nafa isaa te'eef mata'a; waan maraan ka durse te'iisaaf, du'aa ka'iisalle'een ka qaraatii fi ka jalqabaa ti. Guutummaa waaqumma’aa Ilma isaa keessa akka jiraattu, fedha Waaqa Aabba'aa waan te’eef tun teete. Waaqi waan ol-gubbaa jirulle te'ee, waan lafa irra jiru mara ifi woliin araarse; dhiiga Ilma ifii ka fannoo irratti jigeen nageya buuseera. Duraan Waaqa irraa fagaattanee le’aa turtane; waan hantuu yaadiisaa fi hujiisaan diina isaa teetaneettaniiyyu. Amma ammoo woyyoole'ee fi qulqulloolee, ka komiille hin qanne isin godhee fuula ifii duratti dhikeessiisaaf, Ilmi isaa nafa namumma'aatiin waan du’eef Waaqi ifi woliin isin araarse. Te'uu malee dhugeeffanna'aan hundoottanee, jabaattanee dhaabbachu’uun, addii karaa wongeelaatiin dhageettane irraa hin tacho'ina'a. Wongeelli kunille kama isin dhageettanee fi worra biyya lafaa irra jiru maraaf lallabameeru; ani Phawuloosille tajaajilaa wongeela kanaa ta’eera. Ani amma isiniif rakkachuu kiyyaan hin gammada; marroo wolde'a kiristaanaa ka nafa isaa te'eelle, rakkinna Kiristoosii qoodamiisa irraa waan naa dhidhate foon kiyyaan rakkatiisaan hin guuta. Jecha Waaqaa guutuma guutu'utti isiniif mudhisiisaaf, akkuma itti gaafatamummaan naa kennantetti ani tajaajilaa wolde'a kiristaanaa te'eera. Jechi Waaqaa kunille, dhossaa baroota dabarane ilmaan namaa duraa dhokattee turtee, amma ammoo kolbaa isaatitti mudhiffante. Waaqi dhossaa ifii ta ulfinna guutuu qaddu tana worra Yihudoota hin te’in oddu'utti, kolbaa ifiititti mudhisuu filateera. Dhossaan mudhatte tunille Kiristoosii isin keessa jiru; inni ulfinna isin dhaggattanuuf addii keessan. Maarre nuuti nama maraaf Kiristoos lallanna. Nami mara Kiristoosiin ka bilchaate akka te'u, qarooma maraan nama mara hin gorsina, hin barsiinnalle'e. Tun akka teetuuf, karaa hunna jadduu Kiristoos kennuu, ta ana keessatti hujiisatti jirtuutiin, ani wodhaantoo qabataa itti elowa. Ani isinii fi worra Laa'odiiqeyaatiif, akkasuma worra fuula kiyya hin dhaggin maraaf attam akka eloyiisatti jiru akka beettanu barbaada. Akka gadhaan isaanii jajjabaatuu fi jaalalaan wolitti hidhamanee, hubantii durummaa addachiittuu maraa fi dhossaa Waaqaa ka te'e Kiristoos akka beekanuuf tana godha. Karri qaroomaatii fi beekkumaa marti Kiristoos keessa dhoffantee jirti. Akka eennulle jecha dansaa fakkaatuun isin hin sonneef ani tana jedha. Ani fooniin isin woliin jiraachuu dhabulle ayyaanaan isin woliin jira; seera dansa'aan le'uu keessanii fi dhugeeffannaa jadduu isin Kiristoositti qaddanu dhaggiisatti hin gammada. Yoona Yesuus Kiristoos Goottaa godhattanee, akkuma fudhattanetti isaan le'a'a. Akkuma barattanetti hidda gadi naqadha'aatii, isatti ijaarama'aatii, dhugeeffannaa teessaniin jabaadha'a; galata guutee dhangala’ulle dhiyeessa'a. Akka barsiisa Kiristoosiititti adoo hin te’in, qarummaa namaatii fi gowwoonsiisa waan tokko ifi keessaa hin qanne, ka aadaa namaatii fi ayyaanota gubba'aa fi lafa bulchanu irratti hundayeen, eennulle akka isin hin boojine ifi eegadha'a. Guutummaan waaqumma'aa mijuun Kiristoosiin nafaan mudhattee jiraatti. Isinille Kiristoosii dadaa ifii duudii irratti mataa bulchiisaatii fi baallii maraa te'een, jiruu guutuu dhaggattane. Isin waan isaan jirtanuuf haqanqabaa qabattaneertan; haqanqabaa qabatuun keessan kunille namummaa foonii cubbicha balleessiisaaf ka Kiristoosiin te'e malee, ka harka namaatiin te'ee moti. Yennaa cuuphantane Kiristoos woliin awwalantane; isa wolille'een du’aa kaataneertan; hunna Waaqaa ka Kiristoos du'aa kaasetti waan dhugeeffattaneef, du'aa kaatane. Cubbaaleyyii te’uu keessanii fi foon cubbaalessi keessan sun waan haqanqabaa hin qabatiniif isin worra du’eeru; amma ammoo Waaqi Kiristoos woliin jireeyyii isin godheera; yakkaa teessanille duudii isiniif araarameera. Inni barreeffama beenya'aa ka seera keessa jiru, ka nu himataa nu'uun mormaa ture san balleeseera; fannoo irralle'etti diree nu irraa balleesseera. Worra hunnaa fi baallii ayyaanaa qabu fannoo saniin injifatee, hidhata isaaniille hiissisee, badhinnatti bayanee akka mudhatanu godhee itti geerare. Yoona marroo nyaataatii yookiin marroo unto'ootii, marroo guyyaa jilaatii yookiin marroo baatii laakkowu'uu, yookiin marroo Sanbata ulfeessu'uutii eennulle isinitti hin murin. Isaan kun waan gara duraa dhufuuf akka gaaddiddu'uu ti; dhugaan ammoo Kiristoos keessa jirti. Nami sobee ifi gadi qabiisaa fi ergantoota ol-gubba'aa waaqessiisaan ifi jaju, worra gatii hin qanne akka isin hin goone ifi eegadha'a; nami akkasii kun marroo mudhii dhagguutiif ifi saadee, waan gatii hin qanneef yaada fooniitiin ifi jaja. Nami akkasii, Kiristoosii mataa nafaa te'eerutti qabatiisa lakkiseera; nafa duudii mitikaa fi ribu'uun wolitti qassiisee ka nyaachisuu mata'a; akkasiin guddinna Waaqi fedhu nafi guddata. Eega Kiristoos woliin duutanee, ayyaanota gubba'aa fi lafa bulchanu jalaa bilisa baatane, maaf akka waan ka biyyaa lafaa teetaneetitti leetan ree? Maaf seera, “Kana harkaan hin qabin, san afaaniin hin qabin, kaan hin tuqin!” jedhuuf ajajantan ree? Kun maraa ajaja nami baasee fi barumsa namaa irratti waan hundayeeruuf, hujii irra ooleen duuba bu'aa hin qabu. Seeroti akkasii kun, waaqeffannaa fedha ifii, ifi gad qabiisa dharaatii fi nafa ifii rakkisuu irratti waan xiyyeeffatanuuf, waan qarooma qabanu fakkaatan; karaa halchaa foonii tooyatiisaatiin ammoo gatii hin qabanu. Yoona eega Kiristoos woliin du’aa kaatane, waan ol-gubbaa addee Kiristoos midda Waaqaatitti tee'eeru jiru barbaada'a! Marroo waan ol-gubbaa jiruu yaadadha'a malee, marroo waan lafa irra jiruu hin yaadatina'a. Isin duutaneertan; jiruun teessanille Kiristoos woliin Waaqa keessa dhokatteerti. Kiristoosiin jiruu nuuf te’e yennaa mudhatu, isinille isa woliin ulfinnaan hin mudhattan. Tanaaf halchaa le'ii lafaa ta isin keessa jirtu: sagaagala, battummaa, fedhii sagaagalaa, halchaa baddu'uu fi waaqota waaqesuu ka te'e joljoluu ijjeesa'a. Sababa waan kanaatiif worra hin ajajanne irratti mufiin Waaqaa hin dhutti. Isinille yennaa worra waan akkasii huju odduu leetanu san waan kana tolchaa turtane. Amma ammoo; mufii, aarii, jallu'uu fi maqaa wolii balleessuu mara ifi irraa balleessa'a; dubbiin nama fokkisiittulle afaan keessan keessaa hin bayin. Namummaa dullacha hujii isaa woliin ifi irraa baattanee waan gattaneertanuuf, dhara wolitti hin dubbatina'a. Namummaa haareyalle uffattaneertan; isiille ta akka guutuma guutu'utti isa beettanuuf, Waaqi isii dade fakkeenna ifiititti haaressiisatti jiru. Akka kanaan worra Giriikotaatii fi worra Yihuudotaa, worra haqanqabaa qabatee fi ka haqanqabaa hin qabatin, orma beekkichaa fi orma gowwicha, ka bilisummaa qabuu fi ka bilisummaa hin qanne odduu garaa garummaan hin jirtu; Kiristoos ammoo duudi'i, duudii keessa jira. Yoona worra Waaqaaf filatantane, woyyoontanee fi jaallatantane akkuma teetanetti naasuu, arjummaa, ifi gad qabiisa, qajeelumma'aa fi ossata uffadha'a. Wol dande'a; nami namatti quuqameeru yoo jiraate, woliif araarama'a; akkuma Kiristoos isiniif araarame, isinille woliif araarama'a. Kana mara caalaa jaalala waan mara tokkummaa miju'uun wolitti hidhu uffadha'a. Nageenni Kiristoosii, ka isin nafa tokko te'iisaaf itti waamantane, gadhaa keessan keessatti moowuu ti; worra galateeffatulle te’a. Jechi Kiristoosii durummaa ifiitiin gadhaa keessan keessa le'uu ti; qarooma duudi'iin wol barsiisa'a, wol gorsa'a; faaruu adda addaa, faaruu leellisaatii fi faaruu Ayyaantitti'iin Waaqa gadha'aan galateeffataa faarsa'a. Karaa Yesuusiitiin Waaqa Abbaa galateeffataa, jechaan yookiin huji'iin waan gootanu mara maqaa Goottaa Yesuusiitiin godha'a. Haadhotii manaa! Goottaa duratti waan male waan te'eef abbootii manaa keessaniif ajajama'a. Abbootii manaa! Haadhotii manaa teessan jaalladha'a; gadhaa jabeeyyiille itti hin te’ina'a. Ijoollee! Kun waan Goottaa gammachiisu waan te'eef, haadhaa fi abbaa keessaniif ajajama'aatii, waan isaan jedhanu mara godha'a. Abbootii! Akka isaan addii hin kutanne, ijoollee teessan hin aarsina'a. Worri garbooma jala jirtanu! Goottolee teessan ta lafaatiif waan maraan ajajama'a; ila isaanii duraa fi isaan gammachiisuu qofaaf adoo hin te'in, Goottaa soodaatiisaa fi gadhaa qajeela'aan isaaniif ajajama'a. Woma gootanu maraa namaaf adoo hin te’in, akka waan Gootta'aaf gootanutitti, gadha'aan godha'a. Sababille Goottaan dhaala ol-gubba'aa gatii tolchee akka isiniif kennu isin hin beettan; Goottaan isin tajaajiltanulle Kiristoos. Nama woli caalchisuun Waaqa bira waan hin jirreef, nami balleessaa huju, balleessaa ifii saniif gatii hin dhaggata. Goottolle'e! Isinille ol-gubba'atti Goottaa akka qaddanu beeka'aatii, tajaajiltoota teessan qajeelumma'aa fi wol qixxumma'aan bulcha'a. Waaqa jabaattanee galateeffatiisaan, adoo addaan hin kutin daadimadha'a. Akkasuma dhossaa Kiristoosii, ka ani marroo isi'iitiif hidhamee jirulle lallabiisaaf akka dandeennu, Waaqi ergaa ifiitiif akka karaa nuu banu daadimadha'a. Anille akka maltetti ifa tolchee ergaa isaa akka dubbadhu anaaf daadimadha’a. Yennaa daguu teete maratti fayyadamaa, worra hin dhugeeffanne biratti qaroomaan le'a. Nama tokko tokkoofuu deebii malte deebisiisa akka beettanu, haasonni keessan yennuma maraa ka gurratti toluu fi ka akka sooddaa mi'awu te'uu ti. Tikiqoos, marroo waan kiyyaa waan mara isinitti hin hima; inni tajaajilaa addatama'aa fi lansa kiyya ka hujii Gootta'aa ana woliin huju. Akka inni marroo teenna isinitti himuu fi gadhaa keessan jajjabeessuuf, isa gara keessan erge. Isa wolille'een nama keessan ka te'e, obboleessi addatama'aa fi jaallatamaan Oneesimoos gara keessan hin dhufa; isaan waan asitti te'iisatti jiru duudii isinitti hin himan. Arisxaarkosiin ana woliin hidhameeru nageya isiniif dhaama. Durriin Baarnaabaasii Maarqoosiin ani duraan, “Yennaa inni gara keessan dhufe fudhadha'a jedhee isin yaadachiiselle” nageya isiniif dhaama. Yoshu'aan Yusxos jedhamulle nageya isiniif erga; worra marroo mootummaa Waaqaatiif ana woliin huju keessaa, worri Yihudootaa kana qofa; isaan analle jajjabeessaneeran. Akkasuma Ephafraasiin nama keessan te'e, tajaajilaan Kiristoos Yesusii nageya isiniif erga; jiruu ayyaanaatiin guddatiisaan jabaattanee, akka dhaabbattanuu fi fedha Waaqaa mara akka muummessitanu, inni yennaa mara isiniif jabaatee daadimata. Inni isinii fi worra qachoota Laa'odiiqeya'aatii fi Heraapholisii keessa jiruuf guddoo akka eloye aninuu dhugaa hin bayaaf. Cidheessi jaallatamaan Luqaasii fi Deemaas nageya isiniif dhaaman. Obboleeyyan Laa'odiiqeyaa keessa jirtu Niimfa'aa fi wolde'a kiristaanaa ka mana isi'iititti wolitti qabamuuf nageya naa hima'a! Xalayaa kana ifii dubbiffattaneen duuba, wolde'a kiristaanaa ka Laa'odiiqeyaa keessa jirulle'etti akka dubbifamu godha'a. Isinille xalayaa Laa'odiiqeyaa irraa ergamu dubbifadha'a. Arkiphosille'een, “Hujii karaa Goota'aatiin fudhatte san akka muummessitu te'i” jedha'aa naa hima'a. Ani Phawuloos nageya kana harkuma kiyyaan isiniif barreesse; akka ani wodaroo sibiilaatiin hidhamee jiru yaadadha'a! Badhaadhi Waaqaa isin woliin jiraatu. Phawuloos, Silwaanoosii fi Ximootewoos biraa, wolde'a kiristaanaa, ka Waaqa Abba'aatii fi Goottaa Yesuus Kiristoosii teetane, ka Tasalonqee keessa jirtanuuf: Badhaadhaa fi nageenni isiniif te'u. Nuuti daadimata keenna keessatti isin qaabataa, yennaa duudii marroo isin maraatiif Waaqa galateeffanna. Waaqa Abbaa keennaa duratti hujii dhugeeffannaa teessanii, jaalalaaf jettanee attam akka dadhaddanee fi addiin isin Goottaa keenna Yesuus Kiristoositti qaddanu attam jadduu akka teete hin qaabbanna. Obboleeyyan tiyya, akka Waaqi isin jaalatee isin fooyate hin beenna. Oduun Gammadaa ta nuuti isiniif lallanne hunnaan, Ayyaana Woyyichaa fi mirkaneeffata guutu'uun malee, oduu calla'aan gara keessan hin dhunne. Yennaa isin woliin turre, isiniif jennee attam akka leene hin beettan. Isin guddoo rakkattanulle, ergaa Ayyaana Woyyicha irraa dhutte gammadaan fudhattanee, nu'uu fi Goottaa keenna fakkaattaneertan. Maarre isin dhugeeffattoota Maqedooniya'aa fi Akaayyaa keessa jirtu duudi'iif fakkeenna teetaneertan. Dubbiin Gootta'aa ta isin biraa kaate, Maqedooniya'aa fi Akaayya'atti dhage'amuu callaa adoo hin te'in, dhugeeffannaan isin Waaqatti qaddanu addee mara dhaqqaddeerti. Tanaaf marroo waan kanaa womaa dubbatiisa nu hin barbaachisu. Yennaa nuuti gara keesan dhunne attam akka nu fudhattane, Waaqa jiraata'aa fi dhugicha tajaajiliisaaf, waaqota dharaa irraa deebitaanee, gara Waaqaa attam akka deebitane isaanuu hin himan. Akkasumaa isaan Ilma isaa Yesuus, ka ol-gubbaa irraa dhufu, ka inni du'a keessaa kaase, ka mufii Waaqaa ta dhuttu jalaa nu baasu akka eegattanu hin himan. Obboleeyyan tiyya, gara keessan dhufiis keenna ka gatii hin qanne akka hin te'in isinuu hin beettan. Nuuti gara keessan adoo hin dhufin dura, Filiphisiiyuusitti akka rakkannee fi arraffanne hin beettan. Mormiin guddoon nu dhaqqaddulle, Oduu Gammadaa ta isa irraa dhutte akka isiniif hinnu Waaqi keenna jajjabeenna nu'uuf kenne. Nuuti dokonkoraan, yookiin yaada hammeennaatiin, yookiin maltumma'aan isin hin gorsine. Waaqi nu addatee, Oduu Gammadaa maganne'een waan nutti kenneef hin dubbanna. Nuuti nama gammachiisiisaaf adoo hin te'in, Waaqa gadhaa keenna qoree ilaalu, gammachiisiisaaf tana goona. Dubbii sossobaatiin, yookiin joljolummaa teenna gollannee gara keessan akka hin dhufin midhaassitanee hin beettan! Waan kana Waaqille hin beeka. Nuuti isin irraa yookiin worra dhibii irraa, nama tokko irralle'ee galata hin barbaanne. Nuuti akka ergantoota Kiristoosiititti waan barbaachisaa te'e isin gaafatuu hin dandeennaayyu. Ammoo akka haadha daa'ima ifii hoosittee guddittuu, qajeelumma'aan odduu teessan leene. Nuuti waan guddoo isin jaalannuuf, Oduu Gammadaa ta Waaqa irraa dhutte callaa adoo hin te'in, jiruu teennalle isiniif qoodiisaaf qophoonneerraayyu. Sababille isin jaalota teenna! Obboleeyyan tiyya, attam akka hunyee fi akka dadhanne hin qaabattan. Nuuti isin keessaa nama tokkolle'etti ba'aa akka hin teene, halkanii fi guyyaa hujataa, Oduu Gammadaa isiniif lallanne. Isin worra dhugeeffattane oddu'utti adabi keenna qulluu, balcha'aa fi ka komii hin qanne akka te'e isin dhugaa baatota; Waaqille nuuf dhugaa baya. Nuuti tokko tokkoo keessan, akka abbaan ijoollee ifii ilaalutti, akka ilaalle hin beettan. Le'ii Waaqa gara mootummaa ifiitii fi ulfinna ifiititti isin waame gammachiittu akka leetanu isin gorsaa, jajjabeessaa, magannee isiniin jenneerra. Nuuti marroo teessaniif yennaa maraa waan Waaqa galateeffannu qanna. Jecha Waaqaa, ka nuuti isiniif lallanne yennaa dhageettane, akka dubbii namaa adoo hin te'in akka jecha Waaqaatitti fudhattaneertan; jechi kun dhugumaan jecha Waaqaa, kama isin worra dhugeeffattane keessatti hujiisatti jiru. Obboleeyyan tiyya, isin fakkeenna worra biyya Yihuda'aa, ka Yesuus Kiristoosiin wolde'oota kiristaana Waaqaa te'anee hordottaneertan. Akkuma isaan harka worra Yihudootaatitti rakkatane, isinille harka kolbaa teessaniititti rakkattaneertan. Worri Yihudootaa Goottaa Yesuusii fi raagota ijjeesanee, nu'ulle miidhane. Isaan Waaqa hin gammachiisanu, nama tokkolle'een wolii hin galanu. Worra Yihudoota hin te'iniif, jecha isaan fayyisuuyyuu akka hin dubbanne nu dhooggan. Akkasiin yennaa maraa cubbuu ifi irratti fakkanfataa deeman. Amma gara muumme'eetitti mufiin Waaqaa isaan irratti dhutteerti. Obboleeyyan tiyya, gadhaan keenna adoo isin bira jiruu, yennaa diqqo'oof ilaan wol dhagguu dhannee gargar baanulle, waan guddoo isin dharraaneef ila teennaan isin dhaggiisaaf guddoo wodhaanneerra. Nuuti gara keessan dhufiisaaf barbaanneerraayyu. Keessumattuu ani Phawuloos yennaa hedduu wodhaane; Seexanni ammoo nu kute. Addiin teenna, gammadi keenna, kallachi ulfinnaa ka nuuti Yennaa Goottaan keenna Yesuus dhufu dura dhaabbannee, ittiin ifi janyu isin malee eennu ree? Dhugumaan, ulfinnii fi gammadi keenna isin. Maarre kana caalaa ossuu dadhannaan, qofii teenna ollaa Ateena'aatitti hafiisaaf murteeffanne. Dhugeeffanna'atti akka isin jabeessuu fi jajjabeessu, obboleessa keenna ka lallabaa Oduu Gammadaa ta Kiristoosii te'ee, nu woliin Waaqaaf tajaajilu Ximootewoos gara keessan ergineerra. Sababa rakkinna kanaatiif nami tokkolle akka hin raafanne tana goone. Rakkinni akkanaa kun ka nu dhaqqabu'uu male akka te'e isinuu hin beettan. Isin bira adoo jirruu akka rakkinni nu dhaqqabu dursineetuu hinneerra. Akkuma isin beettanu dhugumaan wonni kun teeteerti. Waan kanaaf ani kana caalaa ossuu dadhannaan, Seexanni isin ataabee hujiin teennaalle tola fa'a baddee jiraatti jedhee sodaadhee, dhugeeffannaa teessan beekiisaaf Ximootewoos erge. Amma ammoo Ximootewoos isin biraa deebi'ee, marroo dhugeeffanna'aa fi jaalala keessanii oduu nu gammachiittu fidee dhufeera. Akka isin yennaa maraa waan dansa'aan nu yaadattanuu fi akkuma nuuti isin dhaggiisaaf guddoo dharraanu, isinille akka nu dhaggiisaaf dharraatanu inni nutti hime. Tanaaf obboleeyyan tiyya, rakkoo fi farra keenna maraa keessatti, sababa dhugeeffannaa teessaniitiif isiniin jajjabaanneerra. Sababille Gootta'aan jabaattanee yoo dhaabbattane, jiruun teenna haareffantee leeti. Nuuti fuula Waaqa keennaa duratti, gammada marroo teessaniif nutti dhage'ameef Waaqa galateeffanna. Nuuti ila teennaan isin dhaggiisaa fi waan dhugeeffannaa teessan irraa dhidhatte guutiisaaf halkanii fi guyyaa jabeessinee daadimanna. Amma Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan Yesuus gara keessan akka dhunnu karaa nu'uuf qajeelchu! Akkuma nuuti isin akka malee jaalannu, jaalaltiin isin wolii fi worra dhibii maraaf qaddanu ittuma dabalantee akka fakkantu Goottaan godhu. Guyyaa Goottaan keenna Yesuus woyyoota ifii duudii woliin deebi'ee dhufutti, komii malee woyyumma'aan fuula Waaqa Abbaa keennaa dura akka jiraattanu inni isin jabeessu. Muummee irratti, obboleeyyan tiyya, Waaqa gammachiisiisaaf attam akka leetanu nu irraa barattaneertan. Ammaa tana dhugumaan akka san le'iisatti jirtan; tana caalaale akka gootanu, maqaa Goottaa Yesuusiitiin isin kadhataa isin gorsina. Nuuti baallii Goottaa Yesuusiitiin ajaja isinii kennine hin beettan. Waaqi akka isin sagaagalummaa irraa fagaattanee woyyontanu fedha. Nami duudiin haadha manaa woyyumma'aa fi ulfinnaan qabatee eegatiisa beekuu ti. Akka worra Yihudoota hin te'inii, ka Waaqa hin beennee halchaa foonii badduu hin qabaatin. Nami tokkolle waan kana irra taree dhugeeffataa dhibii hin yakkin. Akkuma tanaan qara isin ifi eegachiinne, worra waan kana godhu Goottaan hin adaba. Waaqi woyyumma'aan akka leenu malee, akka battumma'aan leenuuf nu hin waanne. Tanaaf, nami barsiisa kana tuffatu, nama adoo hin te'in, Waaqa Ayyaana Woyyicha ifii isiniif kennu tuffata. Marroo wol jaalatiisaa isinuu Waaqa irraa waan barattaneef attam akka wol jaalattanu barreesiisa hin barbaachisu. Isin dhugumaan dhugeeffattoota biyya Maqedooniya'aa keessa jirtulle duudii jaalattan. Maarre obboleeyyan tiyya, kana caalaalle akka jaalattanu isin gorsina. Akkuma tanaan dura isinitti hinne sirnaan le'iisaaf, haajaa keessan baafatiisaa fi harkuma keessaniin hujatiisa yaada qabaadha'a. Karaa kanaan worra hin dhugeeffatin biratti ulfinna dhaggattan; waan isiniif barbaachisulle harka namaa irraa hin eegattanu. Obboleeyyan tiyya! Akka namoota addii hin qannee akka hin gaddine, marroo worra du'ee dhugaa jirtu akka beettanu barbaanna. Yesuus du'ee, du'a keessaa akka ka'e hin dhugeeffanna; maarre Waaqi, worra Yesuusitti dhugeeffatee du'e, isa woliin deebisee akka fidu hin dhugeeffanna. Akka barsiisa Gootta'aatitti waan isinitti hinnu qanna: nuuti worri guyyaa Goottaan deebi'ee dhufu adoo hin dui'in jirru, worra du'eeru hin dursinu. Qoonqoo ajaja gudda'aatiin, qoonqoo mootii erganticha Waaqaatiin, qoonqoo tultullaa Waaqaatiin bookarfamee, Goottaanuu ol-gubbaa irraa gadi hin dhufa. Worri Kiristoositti dhugeeffatee du'e, dursee hin ka'a; achiin duuba nuuti worri adoo hin du'in jirru isaanuma woliin qilleensa irratti Gootta'aan wolde'iisaaf duumensa keessa ol butanna. Maarre haga bara baraallee Goottaa woliin leena. Tanaaf jecha kanaan wol jajjabeessa'a. Obboleeyyan tiyya! Marroo baraa fi yennaa wonni kun itti teetuu isiniif barreessuun hin barbaachisu. Guyyaan Gootta'aa akka hattuu halkaniin dhuttuu akka dhufu isinuu akka dansaa beettan. Namooti, “Wonni duudiin nageya, qabbana” adoo jedhanuu, akkuma ciniinissuun dubartii ulfaatitti dhuttu, badiin tasa isaanitti dhutti; ijjumaa jalaa hin bayanu. Obboleeyyan tiyya! Isin ammoo dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattu'uu isinitti hin dhufu. Isin duudiin ijoollee ifaatii fi guyya'aati. Nuuti worra halkanii yookiin worra dukkanaatii moti. Maarre, dammandhee ifi qabatiisaan hagatti leenuuti malee, akka worra dhibi'ii mee rannuu ti. Worri rafu halkan rafa; worri machowulle halkan machowa. Nuuti ammoo worra guyya'aa waan teeneef, ifi qabannee hagatti leenuu ti; dhugeeffanna'aa fi jaalala akka qomoo sibiilaa, addii fayyinnaalle akka gullee sibiilaa keyannuu ti. Waaqi akka nuuti karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin fayyinna dhaggannuuf malee, mufi'iif nu hin waanne. Nuuti jiraannulle yookiin duunulle isa woliin akka jiraannuuf, Kiristoos nu'uuf du'e. Maarre akkuma amma godhiisatti jirtanu, wol jajjabeessaa wol ijaara'a. Obboleeyyan tiyya! Worra odduu teessanitti jabaatee hujaa, karaa Gootta'aatiin isin sooressuu fi gorsu akka ulfeessitanu isin kadhanna. Sababa hujii isaan hujanuutiif jaallaan guddisa'aa isaan ulfeessa'a. Isinille woliif nageya qabaadha'a. Obboleeyyan tiyya! Worra hujii jibbu akka xixxanu, worra yaraa akka jajjabeessitanu, worra dadhabaa akka qarqaartanu, nama maraaf akka ossattanu isin gorsina. Yennaa duudii wolii keessanii fi namoota duudi'iif dansaa godhiisaaf yaadadha'a malee, nami tokkolle waan hantu'uuf hantuu akka hin deebinne ilaalladha'a. Yennaa mara gammada'a; yennaa mara daadimadha'a; waan maraa keessatti Waaqa galateeffadha'a. Jiruu isin Yesuus Kiristoosiin qaddanu keessatti wonni Waaqi isin irraa barbaadu kana. Ayyaana Woyyicha hin ukkaansina'a; jecha raagaa hin tuffatina'a; ammoo waan maraa qorqora'aa ilaala'a; waan dansaa qabadha'a; waan hantuu duudii irraa fagaadha'a. Waaqi Abbaan nageyaatuu, guutumatti isin woyyoonsu; ayyaanni keessan, lubbuun teessanii fi nafi keessan duudiin komii malee, guyyaa dhufa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiif eegamu. Ka isin waame addatamaa waan te'eef, inninuu tana hin godha. Obboleeyyan tiyya! Nu'uufille daadimadha'a. Sunqata woyyichaan dhugeeffattoota duudii nageya fuudha'a. Ergaa tana akka dhugeeffattoota duudi'iif dubbittanu maqaa Gootta'aatiin magane'e isiniin jedha. Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu. Phawuloos, Sillaasii fi Ximootewoos biraa, wolde'a kiristaanaa ka Waaqa Abbaa keennaatii fi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii teetane, ka Tasalonqee keessa jirtanuuf: Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan Yesuus Kiristoos nageyaa fi badhaadha isiniif kennu. Obboleyyan tiyya! Nuuti marroo teessaniif yennaa mara Waaqa galateeffatiisa qanna. Dhugeeffannaan teessan akka malee guddataa, jaalaltiin isin woliif qaddanulle ittuma waan dabalamiisatti jirtuuf, akkas tolchuun keenna sirri'i. Tanaaf miidha'aa fi rakkoo isin dhaqqadde duudii keessatti waan ossattanee fi dhugeeffanna'aan jabaattaneef, nuuti wolde'ota kiristaanaa, ka Waaqaa keessatti isiniin ifi jajanna. Wonni kun maraa, muraan Waaqaa qajeeltuu akka teetee fi isinille mootummaa Waaqaa ta rakkatiisatti jirtanuuf, ka maltane akka te'uuf jirtanu mirkaneessa. Waaqi waan sirrii te'e huja; inni worra isin rakkisutti rakkoo fida. Isin worra amma rakkatiisatti jirtanu, Yesuus ergantoota ifii hunnaameyyii woliin ol-gubbaa irraa yennaa mudhatu nu woliin tana jalaa isin baasa. Inni ibidda bobe'uun mudhata; gaafa san worra Waaqa hin beennee fi Oduu Gammadaa ta Goottaa keenna Yesuusiitiif hin ajajane hin adaba. Isaan fuula Gootta'aatii fi ulfinna hunna isaa irraa gargar bayanee, badii bara baraatiin adabaman; tun guyyaa inni woyyoota ifii irraa ulfinna dhaggatiisaa fi worra dhugeeffatu duudii biralle'etti baaseffatamiisaaf dhufutti teeti. Isinille dhugaa baya teenna waan dhugeeffattaneef, woyyoota isaa woliin laakkowantan. Waaqi keenna worra waamicha isaatiif male akka isin godhuuf, waan dansaa godhiisaaf halchaa qaddanuu fi hujii dhugeeffannaa teessanii mara hunna ifiitiin akka muummessuuf, nuuti yennaa mara isiniif daadimanna. Akkasuma maqaan Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isiniin akka ulfaatuu fi isinille karaa badhaadha Waaqa keennaatii fi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitin, akka isaan ulfaattanuuf daadimanna. Obboleeyyan tiyya! Marroo dhufa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitii fi marroo isa woliin wolitti qabamiisa keennaa akka beettanuuf, waan isin kadhannu qanna: raagaan yookiin jechaan akka himametti, yookiin akka ergaa nu'u irraa isiniif barreeffantee gootanee “Guyyaan Gootta'aa dhiyaateera” jedhaa dattanee yaadaan hin raafamina'a, yookiin rifatina'a. Finqilli adoo hin ka'in dura jallichi ilmi badi'iille adoo hin mudhatin guyyaan sun waan hin dhunneef, nami tokkolle karaa kamiinuu isin hin wollalchisin. Inni waan waaqa jedhamanu yookiin waaqonfatanu caalaa ifi ol qaba; ifille'een, “Ani Waaqa” jedhaa Galma Waaqaa keessa ifi teessisa. Ani yennaa isin woliin jiru waan kana duudii akka isinitti hime hin qaabattanuu? Yennuma isaatitti akka inni mudhatuuf amma waan isa dhooggu isinuu hin beettan. Hunni dhossa'aa ta jallu'uu ammumaa hujiisatti jirti; ammoo wonni amma isa dhooggu haga karaa irraa kaatutti wonni sila te'uu malte hin teetu. Achiin duuba jallaamessi sun hin mudhata; Goottaan Yesuus hafuura afaan ifiitiin isa ijjeessee, ulfinna deebi'ee dhufiisa ifiitiin isa balleessa. Jallaamessi sun hunna Seexanaatiin bilbaasota, beessisaa fi baasota dharaa duudii hujaa dhufa. Akkasuma isaan waan hantuu mara hujiisaan worra badu gowwoonsan. Isaan dhugaa isaan fayyittu jaalatanee fudhatuu waan didaneef badan. Tanaaf waan dhugaa hin te'in akka dhugeeffatanuuf, Waaqi hunna isaan wollalchittu isaanitti erga. Worra hantu'utti gammadee dhuga'atti hin dhugeeffanne duudi'itti akka murantuuf, wonni kun teete. Obboleeyyan Gootta'aan jaalatantane, Ayyaanaan kolbaa woyyittii isaa teetanee, dhuga'atti dhugeeffatiisaan akka fayyitanuuf Waaqi worra jalqabaa godhee waan isin fooyateef, yennaa maraa marroo teessaniif, nuuti Waaqa galateeffatiisa qanna. Ulfinna Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii akka dhaggattanuuf, karaa Oduu Gammadaa ta nuuti lallannuutiin Waaqi isin waameera. Yoona obboleeyyan teenna, jabaadha'aa dhaabbadha'a; barsiisa jecha afaaniitiin yookiin ergaa barreeffamaan nu biraa isiniif ergantelle jabeessa'aa qabadha'a. Amma Goottaan keenna Yesuus Kiristoosii fi Waaqi Abbaan keenna ka nu jaalatee, badhaadha ifitiin jajjabeenna bara baraatii fi addii jadduu nu'uuf kenne, waan dansaa mara akka gootanuu fi akka dubbattanu gadhaa keessan jajjabeessee, isin jabeessa. Muummeffata irratti, obboleeyyan teenna! Jechi Gootta'aa wodhakkaa teessanitti akkuma te'e, ariifatee akka badhatuu fi ulfaatu nu'uuf daadimadha'a. Ammalle worri hedduun dhugeeffannaa waan hin qanneef, harka namoota yakkaameeyyi'iitii fi dabaaleyyi'ii irraa akka inni nu baasu nu'uuf daadimadha'a. Goottaan ammoo addatama'a; inni isin jajjabeessee, waan hantuu irraa isin eega. Waan isinitti hinne akka hujaartanuu fi gara duraallee ittuma akka hujjanu Gootta'atti addii qanna. Goottaan gadhaa keessan gara jaalala Waaqaatii fi gara ciniinnatee ossiisa Kiristoosii isin qajeelchuu ti. Obboleeyyan teenna! Kiristaana harka maratee tee'uu fi akka barsiisa nu'u irraa fudhatetti hin leene irraa akka fagaattanu, maqaa Goottaa Yesuus Kiristoosiitiin isin ajanya. Nuuti yennaa isin bira turre harka marannee hin teenne. Fakkeenna keenna fudhatiisa akka maltane isinuu miidhaassitanee hin beettan. Nuuti nama tokkolle'etti ba'aa akka hin teene, halkanii fi guyyaa eloonnee hunye malee, sagalee nama tokkoollee akkasumaan hin nyaanne. Wonni nuuti tana gooneef fakkeenna keenna akka fudhattanuuf malee, waan nu'uuf barbaachisu isin irraa dhaggatiisaaf baallii dhanneetii moti. Nuuti yennaa isin bira jirru, “Nami hujiisa jibbu hin nyaatin” jennee ajaja isiniif kennineerra. Isin keessa worri gariin ka harka maratee tee'u akka jiru waan dhageenneef tana jenna; isaan waan isaan hin galchine keessa galan malee, hujii tokkolle hin hujanu. Namooti akkasii, miiranee akka hujatanuu fi waan ittiin bulanu akka dhaggatanu maqaa Goottaa Yesuusiitiin isaan ajanya; hin gorisinalle'e. Obboleyyan tiyya! Isin ammoo waan dansaa hujiisa hin dadhabiina'a. Ergaa nuuti xalayaa kana keessatti isiniif ergineef, nami hin ajajanne yoo jiraate, hubadha'aa beeka'a; akka inni qaanowuufille waan tokkolle isa woliin hin tolchina'a. Teetuu malee akka obboleesaatitti itti gorsa'a malee, akka diinaatitti hin laakkoyina'a. Goottaan abbaan nageyaa, yennaa mara karaa maraan, inninuu nageya isiniif kennuu ti. Gottaan isin mara woliin jiraatu. Ani Phawuloos harkuma kiyyaan nageya kana barreesse. Beessis ergaa tiyya mara keessatti dhaggamu kana; akki ani barreessulle akkana. Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin mara woliin jiraatu. Ana Phawuloosii, ajaja Waaqa fayyisaa keennaatii fi Yesuus Kiristoosii addii teenna te'eetiin, ergamaa Yesuus Kiristosii te'e irraa, Ximootewoosii dhugeffanna'aan ilma dhuga'aa kiyya ite'e: Badhaadhi, mararti'ii fi nageenni Waaqa Abba'aatii fi Goottaa keenna Kiristoosii siif te'u. Yennaa gara Maqedooniya'aa dhaqu'uuf ka'e akkuma sitti hime kaan, worra garii ka barsiisa sobaa achitti barsiisu, biyya Efesoonii keessa teettee akka isaan dhooggitu fedha. Oduu duriitii fi laakkossa sanyii abbooti'ii ka dhuma hin qanne, akka lakkisanu isaanitti himi. Wonni isaan godhanu kun moromaa callaa kaatti malee, hujii Waaqaa ta dhugeeffanna'aan hujantuuf ta teetuu moti. Yaadi ajaja kanaa ammoo jaalala gadhaa qulluu irraa, wodanaa dansa'aa fi dhugeeffannaa dhuga'aa irraa ka ka'e. Worri gariin kana irraa deebi'anee gara dubbii bu'aa hin qannee deebi'aneeran. Isaan barsiisota seera Waaqaa te'iisaaf barbaadan, ammoo waan dubbatanuuyyuu yookiin waan guutannee beenna jedhanuuyyuu hin hubatanu. Nami akka dansaa ittiin yoo huje seerri dansaa akka te'e hin beenna. Akkasuma seerri worra balchootaaf akka hin tumamin hin beenna; seerri worra seera balleessuuf, yakkaameyyi'iif, worra Waaqa malee jiraatanuuf, worra cubbaaleyyi'iif, worra woyyummaa hin qanneef, worra dhugeeffannaa hin qanne, worra abbaa yookiin hadha ijjeesuuf, ijjeettu'uuf, sagaagaltootaaf, dhiira wol bukkoonsituuf, worra nama butee gurguruuf, worra nama sobuuf, worra dharaan kakatuu fi worra waan barsiisa sirrii te'een masaanuu te'u mara godhuuf tumame. Barsiis sirrii te'e ammoo Wongeela ulfaataa Waaqa galateeffama'aa, ka ani lallabuuf inni anatti kenne keessatti dhaggama. Ani Goottaa keenna Yesuus Kiristoos, ka addatamaa godhee na laakkowee tajaajila ifiitiif muudee na jabeesse hin galateeffadha. Ani tanaan qara isa faanshessaa, miidhaa irratti geessisaa nama hunnaan isatti ka'u te'ulle, dhugeeffaannaa dhabaa fi wollaalchaan tana waan godheef marartii dhaggadheera. Dhugeeffanna'aa fi jaalaltii Yesuus Kiristoosiin dhaggantu woliin badhaadhi guddaan Goottaa keennaa anaaf dhangala'eera. Dubbiin, “Kiristoos Yesuus cubbaaleyyii fayyisiisaaf gara biyya lafaa dhufe” jettu dhugiti'ii fi guutuma guutu'utti ta fudhatamuu malte. Cubbaaleyyii san keessaalle'ee, cubbaalessi sara tare ana. Teetu malee, Yesuus Kiristoos worra cubbaaleyyii keessaa, ana cubbaaleessa sara tareef ossa ifii ka haga hin qanne mudhisiisaaf, worra isatti dhugeeffatu'uu jiruu fi worra jiruu bara baraa dhaggatu'uu jiruuf, fakkeenna akka te'uuf marartii isaa dhaggadheera. Amma mootii bara baraa, ka hin duunee fi ka ilatti hin mudhanne, Waaqa tokkochuma saniif, baruma baraaan guddinnii fi ulfinni isaaf te'u! Ameen. Ilma kiyya, Ximootewoos, tanaan qara waan keetiif dubbiin raagaa akkuma dubbatte, isii tanaan midhaasitee akka loltuuf ajaja kana magannee sitti kenna. Dhugeeffanna'aa fi wodanaa dansaa qabaadhu. Worri gariin wodanaa ifii tuffatiisaan, akkuma hoboloon guddittiin danbali'iin baddu dhugeeffannaa ifii balleessaneeran. Himnewoosii fi Iskindir fa'alle, jara san keessa jiran; ani akka isaan Waaqa faansheessuu dhiisuu baratanu adaba hunna Seexanaatitti dabarsee isaan kenneera. Amma waan duudi'iin dura, kadhaan, daadimannaan, worra dhibiif daadimatu'uu fi galata dhiyeessuun Waaqa duratti nama duudi'iif akka godhamuuf gorsa. Nageyaa fi sarmiisaan, Waaqa soda'aa fi adaba dansa'aan akka leenu, mototaa fi worra baallii ol aantuu qabu duudi'iif daadimadha'a. Daadimati akkasii Waaqa fayyisaa keenna duratti dansa'aa fi ka fudhatama qabu. Inni nami duudiin akka fayyuu fi dhugaa akka beeku barbaada. Waaqi tokkocha; wodhakkaa jiraatee Waaqaa fi nama ka wolitti araarsu tokkocha; inni nama te'ee ka mudhate Yesuus Kiristoos. Ka sanyii namaa duudii wodiisaaf mataa ifii dabarsee kenne isa; isiin tunille yennaa itti te'uu maltetti mirkanootte. Maarre anille sababa kanaaf dhugeeffanna'aa fi dhugaa lallabiisaaf ergama'aa fi barsiisaa te'ee, gara worra Yihudoota hin te'inii ergame. Ani dhugaa dubbatiisatti jira malee hin sobu. Worri dhiiraa addee maratti aari'ii fi moromaa malee, yaada qullu'uun harka isaanii ka woyyoome ol kaasanee akka daadimatanu barbaada. Dubartootille mataa shoobaa dhowattee, yookiin worqi'iin yookiin dooqaan seefatiisa, yookiin woyaa gatii guddo'oo uffatiisa adoo hin te'iin, ifi qabattee woyaa isi'iif malte akka uffattu barbaada. Dubartooti Waaqa waaqeffanna jettu akka godhuu maltetti hujii dansa'aan ifi seefattuuti. Dubartiin cadheessaa fi ajajamaan barattuu ti. Isiin akka barsiittu yookiin dhiira irratti baallii akka qabaattu ani hin eeyyamu; isiin cadhisuu qaddi. Sababille Addaam matooma dadamee, Heewwan ammoo achiin duuba dadante. Ka sobamelle Addaamii moti; sobantee seera Waaqaa ta cassite dubartitti'i. Teetuu malee dubartiin dhugeeffanna'aa fi jaalalan, woyyumma'aan ifi qabattee yoo jabaatte ilmee deyiisaan hin fayyiti. Nami tokko sooressaa Wolde'a kiristaanaa te'iisaaf yoo barbaade, hujii kabajantuu halcha jechi jedhu dhuga'a. Sooressaan wolde'a kiristaanaa nama komii hin qanne, nama niitii takkattii qofa qabu, nama hagatti le'u, nama ifi qabatu, nama kabajjaa qabu, nama keessummaa fudhatu, nama barsiisuu dande'u, nama hin machoonne, nama hunnaan hin lolle, nama qajeelaa, nama moromaa hin jaalanne, nama beesee hin jaalanne, nama maatii ifii sirri'itti bulfatu, nama ijoolleen ulfinnaan isaaf ajajantu te'uu qaba. Nami tokko maatii ifii bulfatiisa yoo hin dandeenne, attam dande'ee wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa bulchiisaaf dande'a ree? Kijibaan afuufamee, muraa tanaan qara Seexannatti muranteetti akka hin jinne, nama dhiyoo dhugeeffate hin te'in. Maqaa isaa badee tiyyoo Seexanaa keessatti akka hin jinne, nama alaa biratti gurra dansaa qabaachuu qaba. Akkasuma qarqaartoti wolde'a kiristaanaallee worra ulfinna qabu malee, worra arraba lama dubbatu, worra unii fakkansu, worra qarshi'iif joljolu te'uu hin qabanu; wodanaa qullu'uun dhossaa dhugeeffannaa dhuga'aa jabeessanee qabatuu qaban. Isaan dursanee ilaallatamanuu ti; achiin duuba ka komii hin qanne yoo te'ane qarqaartota wolde'a kiristaanaa te'anee tajaajilaanuu ti. Akkasuma niitoti qarqaartotaalle ta kabajjaa qaddu, ta hin hamanne, ta hagatti leetu, ta waan maraan addatantu te'uu qaddi. Qarqaartichi wolde'a Kiristaanaa tokko ka niitii takkaa qofa qabu te'ee, ijoolle'ee fi maatii ifii akka dansaa ka bulfatu te'uu qaba. Qarqaartoti wolde'a kiristaanaa, worri hujii dansaa hujanu ulfinna guddaa dhaggatanee, marroo dhugeeffannaa ifii ta Yesuus Kiristoositti qabanuun jabeenna guddaa dhaggatan. Ani dafee gara keeti akka dhufu addii qaba, haga sanitti ammoo gorsa kana si'iif barreesaara. Ammoo yoo ani ture, mana worra Waaqaa keessatti nami amala attamii qabaachuu akka male akka beettuuf kun si gargaara; manni kunille utuba'aa fi hundee dhugaa wolde'a kiristaanaa ka Waaqa jiraata'aa ti. Dhossaan dhugeeffannaa teennaa mama tokko malee guddo'oo; tanaaf, “Inni foon uffatee mudhateera, dhugaa akka te'e Ayyaanaan mirkaneeffameera, ergantoota Waaqaatitti mudhateera, kolbaa biyya lafaatiif lallabameera, biyya lafaa duudi'itti dhugeeffatameera ulfinnaan gara ol-gubba'aa fudhatameera” jedhamee himameera. Bara duubaatittii namooti gariin, ayyaanota wollalchisa'aa fi barsiisa durriisotaa hordofiisaan dhugeeffannaa irraa akka dacha'anu Ayyaanni Waaqaa qulleessee hima. Barsiis akkasii kijiboota dhara dubbatiisan wodanaan isaanii akka sibiila o'aan gubamee dillaye irraa dhufa. Worri kun fuudhaa fi heeruma, sagalee akkasiitii fi akkasii nyaatuun dhoogga'a” jedhan. Waaqi ammoo, sagalee tana akka nyaatanuuf dade; worri dhugeeffatuu fi worri dhugaa beekiisaaf dhufe daadimata galataatiin nyaata. Wonni Waaqi dade duudiin dansa'a; wonni daadimata galataatiin fudhatante takkaalle hin jibbatantu, isiin sababa jecha Waaqaatii fi daadimataatiif Waaqa biratti fudhatama dhaggatti. Barsiisa kana dhugeeffattoota yoo barsiitte, jecha dhugeeffanna'aatii fi barsiisa dhuga'aa ka hordotte saniin guddataa, tajaajilaa dansaa Yesuus Kiristoosii hin teeta. Oduu durii ta beera dulloontee, ta gatii hin qanne hin fudhatin. Addee san leetoo Waaqi fedhuu le'iisaaf ifi leenjisi. Nafa jajjabeessu'uuf ifi leenjisuun bu'aa diqqoo qaba; leetoo Waaqi fedhu le'iisaaf ifi leenjisuun ammoo, le'ii ammaatii fi ta dhuttulle'eef addii waan qabuuf karaa maraan bu'aa qaba. Jechi kun jecha dhugicha guutuma guutu'utti fudhatamu'uu male. Nuuti Waaqa jiraataa fayyisaa nama duudi'ii, keessattuu ka worra isatti dhugeeffatuu te'etti waan addannuuf huji'iin dadhabaa farralle dhaggina. Tana duudii isaan ajajii barsiis. Dubbii afaan keeti keessaa baatuun, haasowaan, le'iin, jaalalan, dugeeffanna'aa fi qulqullumma'aan dhugeeffattootaaf fakkeenna te'i malee, dargaggeessa waan teeteef eennulle si hin tuffatin. Haga ani dhufutti, Barreeffama Woyyicha kolba'aaf dubbisiisa, lallabiisaa fi barsiisiisatti jabaadhu. Kennansa yennaa raagoti dubbaattee fi jaarsooleen wolde'a kiristaanaa harka ifii si irra keette si'iif kenname, kennansa Ayyaanaa ka si keessa jiru san hin dagatin. Akka nami duudiin guddinna keeti dhaggu waan kana ifi kennii huji. Ati mataa keetii fi barsiisa keeti miidhassii ilaalladhu, waan kana itti jabaadhu; akkas godhiisaan mataa keetii fi worra si dhage'u hin fayyitta. Jaarsa akka abba'aatitti gorsi malee hin xixin; dargaggageeyyii dhiiraa ammoo akka obboleeyyaniititti qabadhu; jaartii akka haadhaatitti, dubartii ka'ima akka obboleettii tiru'uu yaada qullu'uun qabadhu. Dubartii dhugumaan haadha hiyyeessaa teete kabaji. Isiin ijoollee yookiin akkoowwan yoo qabaatte ammoo, ijoolleen sun duraan dursitee maatii ifii qarqaaraa, haadhaa fi abba'aaf, akko'oo fi akaakoo ifiitille'eef haluu guddisaa isaaniif deebisaa, dhugeeffannaa ifii huji'iin mudhisiisa baratanuu ti. Sababille wonni kun Waaqa hin gammachiitti. Haati hiyyeessaa takka, ta nama isii qarqaaru hin qanne, addii ifii Waaqatti godhatee halkanii fi guyyaa qarqaarsa isaa kadhataa daadimataa leeti. Haati hiyyeessaa takka ta gammada lafaa callaa jaalattu, aduma jirtuu duuteerti. Nami tokkochille waan ittiin isaan komatu akka hin qabaanne, gorsa kana isaaniif kenni. Nami tokko fira ifiitiif, keessattuu maatii ifiitii ka hin qarqaarre, nama dhugeeffannaa ifii mormate; inni nama hin dhugeeffatin caalaalle hamma'a. Haadha hiyyeessaa ta woggaan isi'ii jaatamaa gadi te'e, galmee haadhotiin hiyyeessaa itti galmeeffantutti hin galmeessin. Isiin sunuu ta dhirsa tokko qofa heerunteertu te'uu qaddi. Akkasuma ijjoollee guddisiisaan, keessummaa fudhatiisaan, miila kolbaa Waaqaa dhiqiisaan, worra rakkate qarqaariisaan, hujii dansaa mara hujiisaa fi ifi kenniisaan ta gurra dansaa qaddu te'uu qaddi. Haadhotii hiyyeessaa ta ka'ima teete ammoo, galmee san keessa hin galchin; sababille halchaan foonii yennaa itti hammaatte, Kiristoos irraa deebi'anee heerumuu barbaaddan. Maarre isaan waadaa Kirstoosiif matooma galane diiganee muraa ifi irratti fidatan. Ammalle isaan hujii malee tee'uu fi mana kanaa kaan labiisa baratan; tana qofa adoo hin te'in, nama hamataa dubbii namaa keessa galaa, waan dubbatu'uu hin malle ka dubbatanu te'an. Tanaaf diinni hantuu nu'u irratti dubbatuuf karaa akka hin dhagganne, haati hiyyeessaa ka'intittiin heeruntee ijoollee deettee, mana ifii akka bulfattu gorsa. Isaan keessaa gariin tanaan qaraa Seexana hordofiisaaf karaa dhugeeffanna'aa irraa goraneeran. Dubartiin dhugeeffatte takka ammoo, haadha hiyyeessaa maatii ifii keessaa yoo qabaatte, akka isaan wolde'a Kiristaanaatitti ba'aa hin teene qarqaartuuti; wolde'i Kiristaanaa ammoo, dubartoota abbaan manaa irraa du'e, ta ijjumaa qarqaarsa hin qanne qarqaaruu ti. Jaarsolee wolde'a kiristaanaa akka dansaa sooressitu, keessumattuu ta jabaattee lalladdee barsiittuuf, ulfinna gudda'atti male. Barreeffam Woyyichi, “Qotiyyoo midhaan dhoottu afaan hin hidhin”, akkasuma, “Hojjata'aaf mindaan kennamuu qaba” jedha. Dhugaa baatoota lama yookiin sadi yoo qabaate malee, himata jaarsa tokko irratti dhiyaatu hin fudhatin. Worri dhibiin akka sodaatu, worra cubbuu huju addee nami mara jirutti xixi. Waan gootu mara namuufuu adoo hin golin, yookiin adoo wol hin caalchisin gorsa kiyya akka muummessitu Waaqa duratti, Yesuus Kiristoosii fi ergantoota Waaqaa ta fooyante duratti si ajaja. Namoota tajaajila Waaqaatiif muudiisaaf ariifattee harka irra hin keyin. Cubbuu worra dhibi'ii keessa hin galin; mataa keeti qulqullumma'aan eegi. Gadhaa keetii fi dhibee deddeebitee sitti kaatuuf, daadhii woyini'ii diqqoo uni malee haganaan achi bisaan callaa hin unin. Cubbuun worra gari'ii ifa teete waan mudhattuuf, dursitee muraa isaanii akeetti; cubbuun worra gari'ii ammoo duuba irra mudhatti. Akkasuma hujiin dansaan ifa teetee mudhatti, ta hin mudhanelle dhokattee hin hattu. Worri waanjoo garbumma'aa jala jiru maqaan Waaqaatii fi barsiis keenna akka hin arraffanne, goottoti isaanii ulfinna guutuu akka dhaggatu'uuf malanetti laakkowanuu ti. Garbooleen goottoti isaanii dhugeeffattoota te'ane, lamaanuu woliif Gootta'aan obboleeyyan waan te'aneef, goottota ifii tuffatiisa hin qabanu. Addee san, goottoti isaanii dhugeeffattootaa fi jaalota tajaajila isaanii irraa ka bu'aa dhaggatanu waan te'aneef, ta durii caalaa isaan tajaajilanuu ti. Tana barsiisii gorsi. Nami barsiisa sobaa barsiisaa, jecha sirrii te'e ka Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitii fi ka ittiin Waaqa waaqeffatanuun wolii hin galle yoo jiraate, nami akkasii nama kooraan ifi bokossee womaa hin beenne. Inni jechoota irratti moroma'aa fi lolaaf fedha hamaa ifi keessaa qaba. Wonni kun ammoo hinaaffaa, wol dhaba, arrabaa fi mama badaa fiddi. Wol mormiin worra qalbii hin qanne irraa dhutti, isaan dhugaan waan irraa fudhatanteef dhugeeffannaa karaa karra dhaggatiisaa seyan. Dhugeeffannaan, nama waan qabuun dande'ee le'u biratti bu'aa guddaa qaddi. Nuuti waan tokkolle finnee gara biyya lafaa hin dhunne; waan tokkolle isii keessaa fuunee deemiisa hin dandeennu. Ammoo woya'aa fi sagalee yoo qabaanne sun nu hin geetti. Worri durummaa barbaadu ataabe'etti jigee, tiyyoo gowwummaa heddu'uutii fi halchaa isaan miituutiin, ta isaan balleessituu fi dhidhinsituun qabaman. Sababille beesee jaalatuun hidda hammeenna duudi'ii ti. Worri gariin durummaa dhaggatuu halchee, dhugeeffannaa irraa badee qalbii ifii gaddaan laalesseera. Ati nami Waaqaa ammoo, waan kana duudii irraa fagaadhu; balchummaa, akka nama Waaqaa le'uu, dhugeeffannaa, jaalala, ciniinnatanee ossu'uu fi qajeelummaa hordof. Lola dansaa dhugeeffanna'aa loli. Jiruu bara baraa ta yennaa gara isaa waammante dhugaa baatota hedduu duratti dhugaa baate qabadhu. Fuula Waaqa waan duudi'iif jiruu kennuutii fi Yesuus Kiristoosii Phoonxoos Philaaxoos duratti dhugeeffannaa ifiitiif akka dansaa dhugaa baye duratti si ajaja. Haga guyyaa Goottaan keenna Yesuus Kiristoos deebi'ee mudhatuutitti ajaja kana balleessa'aa fi komii malee eegadhu. Waaqi eebbiffama'aa fi qofuu Bulchaa te'e, Mootichi moototaa, Goottaan goottotaa guyyaa ifii murteessetti mudhiin Kiristoosii teeti. Ka hin duune isa qofa; inni ifa eennulle itti dhiyaatu'uuf hin dandeenne keessa le'a. Nami tokkochille isa hin dhaggine; eennulle isa dhaggu'uuf hin dande'u. Ulfinnii fi hunni bara baraa isaaf te'u! Ameen. Worri amma biyya lafaa tanatti dureeyyii te'ane akka hin koorre, yookiin addii isaanii karra hin addachiinne irratti adoo hin te'in, akka ittiin gammannuuf Waaqa waan duuchii fakkansee nu'uuf kennutti akka addii godhatanu isaan ajaji. Hujii dansaa akka hujanu, akka hujii dansa'aan dureeyyii te'anu, akka arjoomanuu fi waan qabanu qoodiisaaf ka qophayane akka te'anu ajaji. Karaa kanaan jiruu dhuga'aa dhaggatiisaaf karra hundeen isi'ii jadduu teete bara dhufuuf kuufatan. Ximootewoos! Waan maganne'een sitti kenname jabeessi eegi. Dubbii midhaan hin qanne, ta waan dhuga'aatiin mormituu fi moromaa gowwittii ta worri gariin “Beekkuma” jedhu irraa fagaadhu. Worri gariin beekkunsa kana qanna jedhaa, karaa dhugeeffanna'aa irraa badeera. Badhadhi Waaqaa isin woliin jiraatu. Ana Phawuloosii, waadaa jiru'uu ka Yesuus Kiristoosiin kenname akka himuuf, fedha Waaqaatiin ergamaa Yesuus Kiristoosii te'e irraa, ilma kiyya jaalatamaa Ximootewoosiif: Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadha, mararti'ii fi nageya siif kennu. Ani yennaa maraa daadimata kiyya ka halkaniif fi guyya'aa keessatti yennaa si qaabbadhu, Waaqa akkuma abbootii tiyyaa wodanaa qullu'uun tajaajilu hin galateeffadha. Imimmaan teeti qaabbataa, akka gammadaan guutamu, si dhaggiisaaf guddoo barbaada. Dhugeeffannaa dhuga'aa ta ati qaddu hin qaabbadha; dhugeeffannaa akkasii akkoon teeti Lo'isii fi haati teeti Ewuniiqeen hin qabaniiyyu. Akka atille qaddu hubadheera. Tanaaf kennaa Waaqi yennaa ani harka kiyya mataa keeti irra keye siif kenne, tuxxee akka gabbittu si qaabachiisa. Ayyaanni Waaqi nu'uuf kenne ka hunnaa, ka jaalalaatii fi ka ifi qabatu'uuti malee, Ayyaana soda'aatii moti. Yoona, hunna Waaqi siif kenneen, Oduu Gammadaatiif ana woliin rakkadhu malee, Goottaa keennaaf dhugaa bayuu yookiin marroo tiyya ka ani kiristoosiif jedhee hidhame hin fokkifatin. Waaqi waan nuuti gooneef adoo hin te'in, fedhaa fi badhaadha ifiitiin nu fayyisee akka kolbaa isaa teenu nu waame. Badhaadhi kun bara heddu'uun dura kara Kiristoosiitiin nu'uuf kenname. Amma ammoo karaa dhufiisa fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii du'a balleessee, karaa Oduu Gammadaatiin jiru'uu fi badii irraa hafuu, gara ifaa fideetiin, nutti mudhiffameera. Ani Oduu Gammadaa tanaaf lallabaa, ergama'aa fi barsiisaa te'ee filameera. Ani tanaaf rakkatiisatti jira. Ammoo eennutti akka dhugeeffadhe waan beekuuf isatti hin fokkifadhu; akkasuma waan maganne'een anatti kenname, haga guyyaa sanii akka inni eeguu dande'u addadheera. Barumsa fayyaalessa akka fakkeennaatitti hordofiisaaf ana irraa baratte, dhugeeffanna'aa fi jaalala tokkummaa nuuti Yesuus Kiristoosiin qannu jabeessii qabadhu. Waan dansaa maganne'een sitti kenname san, hunna Ayyaana Woyyicha nu keessa jiruutiin eegi. Worri biyya Asiya'aa keessa jiru duudiin, Fiigelosii fi Heromogenesis fa'alle akka ana bagane hin beetta. Oneesiforos yennaa hedduu waan na jajjabeesseef, Goottaan maatii isaatiif mararuu ti. Inni ani waan hidhameef hin fokkifanne; ammoo akkuma biyya Rooma'aa geyeen, asii fi achi barbaadee ana dhagge. Guyyaa muumme'ee san Goottaan marartii isaaf godhu. Biyya Efesooniititti attam akka inni anaaf ergame atinuu akka dansaa beetta. Ilma kiyya Ximootewoos, yoona badhaadha Yesuus Kiristoosiin dhaggamutti jabaadhu. Dhugaa baatota hedduu duratti waan ana irraa dhageette, namoota dhibii barsiisiisaaf worra dandeettii qabu, worra addatama'atti magannee kenni. Akka loltuu dansaa Yesuus Kiristoosiititti, rakkoo nu woliin fudhadhu. Nami hujii loltumma'aatiin tajaajilu tokko, ajajaa ifii gammachiisiisaaf mixiixxata malee, hujii dhibi'iin ifi hin hidhu. Akkasuma nami rukke'een doggomu tokko, akka seeraatitti yoo doggome malee, badhaasa injifanno'oo hin dhaggatu. Qotee bulaan eloyee huju qooda midhaan sanii qara dhaggatuu qaba. Goottaan waan duudi'iin hubantii waan sii kennuuf, waan ani jedhu qalbeeffadhu. Akkuma ani Oduu Gammadaa keessatti lallabe, Yesuus Kiristoosii du'a keessaa ka'e, ka sanyii Daawwittii keessaa dhalate, qaabbadhu. Ani Oduu Gammadaa waan lallabeef akka yakkaamessaa hidhameelle rakkataa jira. Jechi Waaqaa ammoo hin hidhamu. Tanaaf, worri fooyame fayyinnaa fi ulfinna bara baraa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufu akka dhaggatuuf jedhee waan duuchii hin ossadha. Dubbiin, “Isa woliin yoo duune, isa wolille'een jiraanna. Yoo ittuma ossine isa woliin hin moona. Yoo isa mormanne, innille nu hin mormata. Yoo nuuti addatamuu dhanne, inni waan ifi hin mormanneef, addatamee jiraata” jettu tun dhuga'a. Waan kana isaan yaadachiis, akka jechoota irratti wol hin mormine Waaqa duratti isaan seeri. Wonni kun worra dhage'u balleessiti malee, dansa'aa moti. Ati akka hojjataa ilaallamee fudhatamee, ka hujii ifiititti hin fokkifanne, ka dubbii dhugaa Waaqaa sirri'itti barsiisuu, fuula Waaqaa duratti ifi dhiyeessiisaaf jabaadhu. Dubbii Waaqi ittiin hin ulfaannee fi marii gowwittii, ta Waaqa irraa nama fageessitu irraa fagaadhu. Barsiis akkasii akka madaa foon nyaattee badhataa deentuu ti. Himnewoosii fi Filexoos worra dubbii akkasii dubbatane keessa jiran. Isaan karaa dhuga'aa lakkisanee, du'aa ka'uun kanaan dura teeteerti jedhaa dhugeeffannaa worra gari'ii balleessaaran. Teetuu malee hundeen Waaqi keye hin lellexxu; isii irratti, “Goottaan worra isaa ka te'e hin beeka”, ammalle “Nami maqaa Gootta'aa wamuu duudiin hammeenna irraa deebi'uu ti” ta jettu barreeffanteerti. Mana guddaa tokko keessa meyi worqii irraa yookiin meetii irraa hujame callaa adoo hin te'in, meyi muka irraa yookiin faara irraa hujame hin jiraata; meyi kun gariin ulfinnaaf, kuun ammoo tajaajila ulfinna hin qanneef te'a. Yoona worri waan hantuu duudii irraa ifi qulleessu, waan ulfinnaatiif te'a; sababille isaan fooyamanee, Goottaa isaaniitiif ka bu'aa qabanu waan te'aneef, hujii dansaa duudi'iif qophowaneeran. Halchaa badduu dargaggumma'aa irraa baqadhu; worra gadhaa qullu'uun Goottaa waammatu woliin balchumaa, dhugeeffannaa, jaalalaa fi nageya hordof. Moromaan gowwittiin bu'aa hin qanne lola akka fiddu waan beettuuf, irraa ifi eegadhu. Tajaajilaan Gootta'aa ka lolu te'uu hin qabu. Inni nama duudi'iif arjaa, dansa'aa fi barsiisaa ossataa te'uu qaba. Worra isa mormulle gadhi-laafinnaan gorsuu qaba. Akka isaan cubbuu irraa deebi'anee dhugaa beekanu, Waaqi carraa isaanii hin kenna fa te'a. Yoo san isaan qalbii ifiititti deebi'anee, tiyyoo Seexanaa ta isaan qaddee fedha isaatiif akka ajajamanu goote jalaa hin bayan. Guyyoota muume'eetitti yennaan rakkittu akka dhuttu beeki. Namooti ka mataa ifii jaalatanu, ka beesee jaalatanu, ka ifi saadanu, kijiboota, ka nama arrassanu, ka worra ifiitiif hin ajajanne, ka galata hin qanne, ka woyyummaa hin qanne, ka jaalala hin qanne, ka hin araaranne, ka maqaa namaa balleessanu, ka ifi hin qabanne, ka gadhaa jabaatanu, ka waan dansaa jibbanu, ka dabarsanee nama kennanu, jajjartoota, ka ana malee jedhanu te'an; isaan Waaqa caalaa gammada jaalatan; isaan dugeeffannaa waan qabanu fakkaatan, ammoo hunna isi'ii mormataneeran. Worra akkasii irraa ifi eegadhu. Isaan keessaa gariin gara mana namaa dhaqaa, dubartoota dadhadduu ta cubbuun irratti tuulantee, halchaa gara garaatiin asii fi achi oofantu, hin qabatan. Dubartiin akkasii yennaa mara hin baratti, ammoo ijjumaayyuu dhugaa beekiisa bira hin geettu. Akkuma Yaaneesii fi Yaamberes Muuse'een mormane, kolbaan qalbii isi'ii baddee fi dhugeeffannaa irraa jidde tun dubbii dhuga'aa mormiti. Gowwummaan Yaaneesiitii fi Yaamberesii, nama duudi'itti akkuma beekkante, ta isaaniille nama duudi'itti waan beekkantuuf isaan ur hin geyanu. Ati ammoo barsiisa kiyya, adaba kiyya, akeeka jiruu tiyyaa, dhugeeffannaa tiyya, ossata kiyya, jaalala kiyya, fi ciniinnadhee ossatuu kiyya hin beetta. Miidha'aa fi rakkoo tiyya, ta Anxokiya'atti, Iqoniiyumii fi Lisxira'atti ana dhaqqadde mara ossatuu kiyya hin beetta. Goottaan ammoo san duudii jalaa ana hanbure. Akkasuma nami karaa Yesuus Kiristoosiitiin nama Waaqaa te'ee le'uu fedhu duudiin hin miidhadhama. Worri hama'aa fi malaan nyaattuun worra dhibii dokonkorsaa ifille'eef dokonkoraa, hammeenna irraa gara hammeennaa ittuma deeman. Ati ammoo waan barattee jabeessitee itti dhugeeffatte, eennuu fa'a irraa akka baratte waan beettuuf itti jabaadhu. Ati Barreeffama Woyyicha, qarooma Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaan fayyinni ittiin dhaggamu si'iif kenniisa dande'u ijoollummaa teetiin jalqaddee beetteetta. Barreeffam Woyyichi duudiin qajeelfama Ayyaana Waaqaatiin waan barreeffameef, dhugaa barsiisiisaaf, worra dokonkore xixiisaaf, balleessaa sirreessiisaa fi karaa balchumma'aatitti qajeelchiisaaf bu'aa qabeessa. Nami Waaqaa hujii dansaa maraaf ka dandeettii qabu te'ee, ka hidhatee qophoye akka te'u godha. Waaqaa fi Yesuus Kiristoosii worra jiruu fi worra du'elle'etti muru'uuf jiru duratti, deebi'ee dhufiisaa fi mootummaa isaa yaadataa jabeessee si gorsa. Jecha Waaqaa lallabi; yennaan toltulle, toluu dhabaattulle qophayi; ossa gudda'aan namoota balleessanu sirreessaa, xixaa, jajjabeessaa barsiis. Yennaan namooti barsiisa sirrii te'e dhage'uu jibbanu hin dhutti; isaan barsiisota hedduu ta akka fedhii isaaniititti, waan gurra isaaniitiif tolu isaan barsiittu wolitti raratan. Isaan dubbii dhuga'aa dhage'uu didanee, gurra ifii gara oduu durii deebifatan. Ati ammoo haala mara keessatti ititi; rakkoo ossadhu; hujii lallaba Oduu Gammadaa huji; hujii itti ergante mara muummessi. Ani akka dhibaayyu'uu dhibaafamuu geyeera; yennaan ani du'u geetteerti. Ani akka dansaa wodhaantoo qabadheera; doggommii tiyya fixadheera; dhugeeffannaa tiyyalle eegadheera. Yoona ammaa achi badhaas balchumma'aa anaaf qophoyeera; badhaasa kana guyyaa san Goottaan balchichi anaaf hin kenna; ana qofaaf adoo hin te'in, worra deebi'ee mudhinnaan dhufa isaa dharra'aan eegatu duudi'iif hin kenna. Ariiti'iin akka teete te'ii koyi. Sababille Deemaas biyya lafaa tana jaalatee, ana lakkisee gara qachaa Tasalonqe'ee dhaqeera. Kiresqes biyya Galaatiya'aa, Tiitoos ammoo biyya Dalmaatiya'aa dhaqeera. Luqqaas qofattuu ana bira jira. Maarqoos huji'iin waan ana qarqaaruu dande'uuf, yennaa dhuttu isa fidii koyi. Xikiqoos ammoo gara qachaa Efesoonii ergeera. Yennaa dhuttu gorfa ani Kaarphoos biratti Xiro'aasitti lakkise, kitaabota mara'aalle, keessattuu ka gogaa duugama'aan hujame anaaf fidi. Iskindiriin sibiila tumu akka malee na miidhe; Goottaan akkuma hujii isaatitti isaaf hin kenna. Inni dubbii teenna jabeessee waan mormeef, atille isa irraa ifi eegadhu. Ani waan itti himataameef yennaa ani guyyaa qaraa dhiyaadhee falmadhe, duudiinuu na lakkisane malee, nami tokkolle ana qarqaariisaaf hin dhunne. Tun isaanitti hin laakkowamin! Ammoo ergaan isaa guutuun karaa kiyyaan lallabantee worri Yihudoota hin te'in duudiin akka dhage'anu, Waaqi cinaa tiyya dhaabbatee hunna anaaf kenne. Afaan neenqaa irralle'ee na hambure. Goottaan hammeenna hamaa duudii jalaa na baasee, gara mootummaa ol-gubba'aa nageyaan na hin geessa. Ulfinni baraa haga bara baraa isaaf te'u! Ameen. Phirisqiilaa, Aqiila'aa fi worra mana oneesiforosiititti nageya naa himi. Erasxoos Qorontoositti hafe; Xirofimoosille waan dhibameeruuf ani qachaa Miilexoosiititti isa lakkise. Adoo ganni hin dhufin akka teete te'ii koyi. Yubuloos, Phudenis, Liinos, Kilaawudiiya'aa fi dhugeeffattooti dhiibiille nageya sii dhamaneeran. Goottaan ayyaana keeti woliin jiraatu. Badhaadhi Waaqaa isin woliin jiraatu. Ani Phawuloos tajaajilaan Waaqaatii fi ergamaan Yesuus Kiristoosii, dhugeeffannaa worra Waaqaa filameetii fi beekkunsa dhuga'aa ka gara nama Waaqaa te'iisaatitti geessu akka beekanuuf ka erge, dhugeeffanna'aa fi beekkunsi kun, addii jiruu bara baraa, ka Waaqi dhara hin dubbanne, jalqaba baraatiin dura kenne irratti ta hundootte. Yennaan inni murteesse geennaan, ajaja Waaqa fayyisaa keennaatiin karaa lallaba maganne'een anatti kennameetiin, Jecha ifii mudhiseera. Karaa dhugeeffannaa woliin qannuun, dhugumaan ilma kiyya ka teete Tiitoos, Waaqi Abbaan, fayyisaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya sii kennu. Wonni ani oddoola Qarxeesii kessatti si lakkisseef, waan karaa hin qabatin hafe akka karaa qassiittuu fi akkuma ani si ajaje qachaa duudii keessatti jaarsolee wolde'a kiristaanaa akka filtuufi. Jaarsi wolde'a kiristaanaa ka hin komatanne, ka niitii takka'aa, ka ijoolleen isaalle dhugeeffattuu fi baalagumma'aan yookiin ajajama dhabiisaan maqaan isaanii hin kaane te'uu qaba. Towataan wolde'a kiristaanaa tokko maganneen hujii Waaqaa ka itti kennante waan te'eef, ka hin komatanne te'uu qaba. Inni nama kooru, yookiin nama dafee aaruu, yookiin nama machowu, yookiin nama lola jaalatu yookiin nama beese'eef joljollu te'uu hin qabu. Nama keessummaa fudhatu, nama waan dansaa jaalatu, nama ifi qabatu, nama qajeelaa, nama woyyichaa fi nama adaba qabu te'uu qaba. Worra dhibii barumsa sirrii te'een jajjabeessiisaa fi dokonkora worra moromuu mudhisiisaaf akka dande'u akkuma baratetti ergaa addatantuu jabeessee qabatuu qaba. Namooti hedduun worri hin ajajane, worri jecha midhaan hin qanne dubbatee nama wollaalchisu, keessattuu worri worra Yihudootaa keessaa dhugeeffate jira. Isaan bu'aa fokkisiisu dhaggatiisaaf jedhanee, waan barsiisiisaaf hin malle barsiisaa, maatii duudii waan laanbubanuuf, haasowa isaan kutiisa barbaachisa. Isaanuma keessaa, raagichi isaanii tokkoo, “Worri Qarxeesii yennaa maraa dharaameyyii, bineensota hama'aa fi booseyyii gadhito'o” jedheera. Ragaan kun dhuga'a. Tanaaf, akka isaan dhugeeffannaa sirrii teete qabaatanu, jabeessi isaan xixi; haganaan achille isaan oduu Yihudootaa ta durii, yookiin ajaja worra dhugaa irraa fagaatee akka hin caqanne godhi. Worra qullowaneef wonni marti qullu'u; worra batti'ii fi worra hin dhugeeffanneef ammoo, waan qalbii fi yaadi gadhaa isaanii battayeeruuf, wonni takkaalle qullu'uu moti. Isaan Waaqa hin beenna jedhan, hujii ifiitiin ammoo isa mormatan. Isaan worra jibbama'aa fi worra hin ajajanne, worra waan dansaa tokkolle hujiisaaf hin dandeenne. Ati ammoo waan barnoota sirrii te'een wolii galu barsiis. Jaarsi ka hagatti le'u, ka kabajaa qabu, ka ifi qabatuu fi ka dhugeeffannaa, jalalaa fi ossa sirrii te'e qabu akka te'u barsiis. Akkasuma jaartiin adaba ifiitiin ta ifi qabattu teetee, waan dansaa barsiittuutii malee, ta hamattu yookiin ta daadhii yortu akka hin teene barsiis. Isaan, akka dubartooti ka'imi abbaa manaatii fi ijoollee ifii jaalattu, Jechi Waaqaalle akka hin arraffanne, ta ifi qabattuu fi qulluu, ta akka dansaa mana ifii qabattu, arja'aa fi ta dhirsaaf ajajantu akka teetu barsiisanuu ti. Akkasuma dargaggooti akka ifi qabattu gorsi. Atinuu waan duudi'iin fakkeenna dansaa isaaniif te'i. Barsiisiisa keeti keessalletti dhugaamessaa fi nama kabajamaa te'uu keeti mudhis. Worri mormu waan badduu nu irratti dubbatu dhabee akka fokkifatu, jecha sirrii te'e ka hin tuffatanne dubbadhu. Garbooleen goottolee ifiitiif akka ajajantu, waan maraan akka isaan gammachiittu, akka dubbii ila keessa itti hin deebinnee fi, akka isaan jalaa wo hin hanne barsiis. Barnooti marroo Waaqa fayyisaa keennaa, karaa duudi'iin akka tolu yennaa mara worra dansa'aa fi addatamaa akka te'ane mudhisanuu ti. Waaqi badhaadha ifii ka nama maraaf fayyinna kennu mudhiseera. Badhaadhi kun cubbu'uun jiraatiisaa fi halchaa badduu biyya lafaa akka lakkinnee, bara kana keessatti ifi qabannee, qajeellee, akka nama Waaqaatitti akka jiraannu barsiisa. Addii gammachiituu fi ulfinnaan mudhatiisa Waaqa guddaa fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii hin eeganna. Kiristoos hammeenna duudii irraa akka nu fayyisuu fi waan dansaa hujiisaaf akka dharraanu, kolbaa ifii qulleeffatiisaaf mataa ifii dabarsee nuu kenneera. Worra si dhage'u jajjabeessaa yennaa xixxu, baallii teeti guutu'uun waan kana duudii barsiisi. Nami tokkolle si hin tuffatiin. Kolbaan bulchitootaa fi worra baallii qabu jalatti akka bultu, akka ajajantuu fi karaa maraan waan dansaa hujiisaaf ka qophootte akka teetu qaassis. Nama tokko irralle'etti hantuu akka hin dubbanne, nageelliyye'ee fi nama dansaa te'anee, yennaa mara karaa maraan nama duudi'iif gadhi-laafinna akka mudhisanu himi. Tanaan qara nuutille gowwoolee, worra hin ajajanne, worra sobame, worra halcha'aa fi gammachuu foonii ta adda addaatiif garboolee teeneerru. Nuuti hammeennaa fi hinaaffa'aan le'aa, worra dhibi'iin jibbatannee wolille jibbaa turre. Ammoo arjumma'aa fi jaalaltiin Waaqa fayyisaa keennaa yennaa mudhatte, hujii balchummaa nuuti hunyeef adoo hin te'in, marartii ifiitiin, karaa dhiqata dhaloota lammeesso'ootii fi Ayyaana Woyyichaan haareffamiisaatiin nu fayyise. Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin Ayyaana Woyyicha nu irratti fakkansee buuse. Badhaadha isaatiin balchoonnee, jiruu bara baraa ta addi'iin eegannu san akka dhalluuf inni tana godhe. Wonni kun jecha dhuga'aa ti. Worri Waaqatti dhugeeffate hujii dansaa hujiisaaf akka ifi kennu, jabeessitee akka gorsitu barbaada; wonni kun dansa'aa fi ta nama maraaf bu'aa qaddu. Ammoo wol mormii gowwootaa, hidda dhalootaa laakkowuu, wol lolu'uu fi Seera Muuse'ee irratti wol dhabiisa irraa fagaadhu. Sababille wonni kun bu'aa fi gatii hin qaddu. Nama gargar bayiisa kaasu yennaa tokkoo fi lama itti gorsi, achiin duuba isa woliin womaa hin qabaatin. Nami akkasii, nama jallatee cubbuu hujee, yakkaa ifitti mure akka te'e beeki. Ganna qachaa Niqopholiisii keessatti dabarsu'uuf waan murteeffadheef, yennaa ani Arxemaas yookiin Xikiqoos gara keeti erge, haga dandeette ariiti'iin achitti natti dhufiisaaf wodhaan. Zenaasii seera beeka'aa fi Apholosiif, deensa kara'aatii waan barbaachisu maraan haga dandeette gargaar. Kolbaan teenna leetoo bu'aa hin qanne akka hin leene, waan leeto'oo barbaachisu hujjee dhaggatiisaaf, hujii dansaa hujiisaaf ifi kenniisa barattuu ti. Worri na woliin jiru duudiin nageya siif dhaameera. Worra dhugeeffanna'aan nu jaalatuuf nageya keenna himi. Badhaadhi Waaqaa isin duudii woliin jiraatu. Ana Phawuloosii marroo Kiristoos Yesuusiitiif hidhameeruu fi obboleessa keenna Ximootewoos irraa, Filemoonii jaalatamaa nu woliin hujuuf, obboleettii teenna Aaphifiiya'aaf, Arkiphosii nu woliin lolticha te'eeruu fi wolde'a kiristaanaa ka mana keeti keessatti wolti qabamuuf: Abbaa keenna Waaqaa fi Goottaa Yesuus Kiristoos biraa badhaadhii fi nageenni isiniif te'u! Daadimata kiyya keessatti yennaa si qaabbadhu, yennaa mara Waaqa galateeffadha. Sababille dhugeeffannaa ati Goottaa Yesuusitti qadduu fi jaalala ati kolbaa Waaqaa maraaf qaddu dhage'eera. Hubantii guutuu waan dansa'aa ka nu Kiristoosiin qannuu maraa akka qabaattuuf, dhugeeffannaa teeti worra dhibi'iif qoodiisatti akka jabaattu hin daadimadha. Obboleessa kiyya, gadhaa kolbaa Waaqaa waan jajjajabeessiteef jaalala keeti irraa ani gammadaa fi jajjabeenna guddaa dhaggadheera. Waan godhu'uu malte akka gootuuf, si ajajiisaaf karaa Kiristoosiitiin ifi-addii qaba; te'uu malee jaalalaan si kadhadha. Ani Phawuloosiin jaarsi, amma ammoo Yesuus Kiristoosiif jedhee ka hidhameeru, marroo ilma kiyya Oneesmoosii, ka ani adoo mana hidha'aa jiruu akka Kiristoos fudhatu tolcheetiif si kadhadha. Dur inni nama si'iif wo bawuu moti, amma ammoo anaa fi si'iifille wo hin baya. Isa deebisee gara keeti ergeera; ani waan isaa jaalladhuuf gadhaan kiyyalle isa faana dhufeera. Marroo Oduu Gammadaatiif, yennaa ani mana hidha'aa jiru, addee teeti akka inni na qarqaaruuf, ana woliin as akka turuuf fedheeraayyu. Te'uu malee hujiin dansaan ati hujju maraa jaalala gadhaa keetiitiin malee, hunnaan akka hin teeneef, si'iin hin mari'atiin womaa godhiisaaf hin barbaanne. Oneesmoos yennaa gabaaddu'uuf si irraa gargar bayee wonni tureef, yennaa mara si woliin akka jiraatuuf deebittee akka isa fudhattuuf fa'a te'a. Haganaan achi, inni obboleessa jaallatamaa garbicha caaluu malee, akka garbichaati moti. Inni anaaf jaallatama'a, si'iif ammoo namumma'aa fi Gootta'aan, irra caalaa jaallatama'a. Maarre waa'ela keeti te'uu kiyya yoo fudhattu teete, akkuma ana fudhattu isalle fudhadhu. Yoo inni si yakkee jiraate, yookiin si irraa wo liqeeffatee jiraate anatti laakkoyi! Ani Phawuloos, “Si'iif deebisee hin kaffala” jedhee harkuma kiyyaan tana barreessa; atuu Kiristoosiin liqaa kiyya te'uu keeti sitti himuu ana hin barbaachisu. Obboleessa kiyya, maqaa Gootta'aatiin waan kana anaaf godhi! Kiristoosiin gadhaa na jajjabeessi. Ajajama keeti addadhee, waan ani si gaafadhu caalchitte akka ati gootu beekiisaan tana si'iif barreessa. Wonni dhibiin: Waaqi waan isin daadimattane maraaf deebii kennee, gara keessan deebi'ee akka dhufu waan addadhuuf, addee itti foorfadhu anaaf qopheessa'a. Ephafraas, ka maqaa Kiristoos Yesuusiitiif jedhee ana woliin hidhamee jiru nageya si'iif dhaama. Akkasuma worri na woliin hujanu Maarqoos, Arisxaarkos, Deemaasii fi Luqaas nageya si'iif dhaaman. Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu. Bara durii Waaqii karaa adda addaatiin, yennaa hedduu karaa raagotaatiin abbootii teennatti dubbateera. Ammaa ammoo bara duubaa kanatti karaa Ilma ifii ka waan mara akka dhaalu godheetiin nutti dubbate; biyya lafaa duudiille isumaan dade. Inni calalaqa ulfinna Waaqaa ti; akki isaa guutumatti Waaqaan wol qixxe'e. Jecha ifii hunna qabeessaan waan dadame duudii utubeera. Kolbaalle cubbuu irraa qulqulleesseen duuba, ol gubba'atti midda Waaqa hunnaamessaa tee'eera. Maqaan Waaqi isaaf kenne maqaa ergantoota Waaqaa ka caalu akkuma te'e, Ilmi Waaqaa ergantoota Waaqaa caala. Waaqi ergantoota ifii keessaa eennuun, “Ati Ilma kiyya, ani adha si uumadheera” yookiin eennuun, “Ani isaaf Abbaa hin te'a, inille ilma anaaf hin te'a” jedhee beeka? Waaqi yennaa Ilma ifii angaficha gara biyya lafaa erge, “Ergantooti Waaqaa martinuu isaaf sagadanuu ti” jedhe. Ammoo yennaa marroo ergantoota ifii dubbatu, “Ergantoota ifii qilleensa, tajaajiltoota ifiille bobe'a ibiddaa hin godha” jedhe. Marroo Ilmaa ammoo, “Ee Waaqa, barcumaan mootumaa keetii bara baraa haga bara baraa hin jiraata; mootummaa teetille sirri'itti hin bulchita. Ati balchummaa jaallatee yakkaa jibbite; tanaaf Waaqi keeti si filatee, muudaa gammachiisuun hari'oota teeti caalaa si muude” jedhe. Akkasuma, “Gootta'a, ati jalqabatti hundee lafaa hundeessite; ol gubbaan marti hujii harka keetii ti. Isaan hin badan; ati ammoo hin jiraatta; isaan martinuu akka woya'aa hin dullooman. Ati akka bullukko'oo isaan hin marta; isaaniille akka woya'aa hin jijjiiraman. Ati ammoo yennaa mara sanuma; woggooti keetille dhuma hin qabanu” jedhe. Waaqi ergantoota ifii keessaa eennuun, “Haga ani diinota keeti ejjata miila keetii jala godhutti midda kiyyatti tee'i!” jedhee beeka? Maarre, ergantooti Waaqaa martinuu ayyaanota worra fayyu tajaajiliisaaf ergamanu, tajaajiltoota Waaqaatii motii ree? Tanaaf nuuti waan dhageenne irraa fallaannee akka hin jinne, marroo waan dhageennee xiyyeeffannaa caalte kennuu qana. Dubbiin karaa ergantoota Waaqaatiin himante mirkanooteerti; nami dubbii tana irra taree fi nami isi'iif hin ajajanne maraa adaba isaaf male hin fudhata. Nuuti fayyinna guddaa kanaaf xiyyeeffannaa yoo kennuu dhanne attamiin jalaa baana ree? Fayyinna kana ka dursee lasse Gootta'aayyu; worri isa irraa dhage'elle tanuma nu'uuf mirkaneesseera. Waaqille beessisoota, baasota, bilbaasota adda addaa godhiisaa fi kennansa Ayyaana Woyyichaa ka akka fedha isaa qoodamaneen dhugaa baya ifii itti dabaleera. Waaqi biyya lafaa ta dhuttu, ta amma nuuti marroo isi'ii dubbanuu tana akka ergantooti isaa bulchanuuf hin goonne. Barreeffama Woyyicha keessatti addee takkatti, “Ee Waaqa, akka isaaf yaadattuuf, nami maan inni? Yookiin akka kununsituuf, ilmi namaa maan inni? Diqquma ergantoota Waaqaa isa hanqitte; kallacha ulfinnaatii fi guddinnaa itti keette; waan mara baallii ilma namaatiin jala goote” hin jedha. Waaqi waan mara baallii ilma namaatiin jala yennaa godhu, baallii isaatiin jala adoo hin godhin wonni inni hanbure tokkolle hin jiru. Te'uu malee wonni mara baallii ilma namaatiin jala akka jiru ammaa tanalle nuuti hin dhaggine. Amma ammoo ka yennaa diqqo'oof ergantoota Waaqaatiin jala te'ee ture, ka rakkinna du'aa waan fudhateef kallachi ulfinnaatii fi guddini itti keyame, Yesuus hin dhaggina; inni badhaadha Waaqaatiin nu maraaf du'eera. Waaqi wonni duudiin isaa fi isumaanuu dadame, ilmaan hedduu gara ulfinnaa fidiisaaf, sooressi fayyinna isaanii rakkinnaan guutuu akka te'u godhiis barbaachisaa te'e. Ka kolbaa woyyoonsuu fi worri isaan woyyoomelle ilmaan abbaa tokkochaa ti; waan kanaaf Yesuus isaaniin, “Obboleeyyan tiyya” jedhee waamiisaaf hin fokkifatu. Bareeffama Woyyicha keessalle'etti Waaqaan, “Maqaa keeti obboleeyyan tiyyatti hin lassa; wolde'a oddu'ulle'etti faaru'uun si hin leelliffadha” jedha. Akkasuma, “Ani isatti hin addadha” jedha; ammalle, “Kunoo, anii fi ijoolleen Waaqi anaaf kennelle as jirra” jedha. Ijoolleen tun namoota foonii fi dhiiga qabanu akkuma te'ane, Yesuusille du'a ifiitiin, Seexana du'a irratti baallii qabu balleessiisaaf, akkuma isaanii nama te'e. Akkasuma worra du'a sodaatiisaan bara ifii duudii garbummaa jala turelle bilisa baase. Yesuus sanyii Abrahaamii gargaariisaaf malee, ergantoota Waaqaa gargariisaaf hin dhunne. Tanaaf inni Waaqa tajaajiliisaan Hayyicha Guddaa addataama'aa fi mararticha te'ee, kolbaan araara cubbu'uu akka dhaggattuuf, waan maraan obboleeyyan ifii fakkaatiis isaaf barbaachise. Inni ifiifuu ataabamee rakkinna waan fudhateeruuf, worra ataabamu gargaariisaaf hin dande'a. Tanaaf dhugeeffatooti woyyoontanee, worra waamiicha ol-gubba'aa qodamu teetane, ka Waaqi ergee fi Hayyicha Guddaa dhugeeffannaa teennaa Yesuus yaadadha'a. Muuseen mana Waaqaa mara keessatti addatamaa akkuma te'ee ture, Yesuusille Waaqa isa muudeef addatama'a. Nami mana ijaaru mana san caalaa ulfinna akkuma qabu, Yesuusille, Muuse'een caalaa ulfinna dhaggatu'uu qaba. Manni maraa namaan ijaarame; waan mara ka ijaare ammoo Waaqa. Muuseen waan gara duraa jedhamu'uu maleef dhugaa bayiisaaf, akka tajaajilaa tokkootitti mana Waaqaa duudii keessatti addatamaa te'e. Kiristoos ammoo mana Waaqaatitti akka ilmaatitti addatama'a. Nutille waan itti addannuu fi addii ittiin koorru jaabeessinnee yoo qabanne mana isaa ti. Maarre akkuma Ayyaanni Woyyichi jedhu, “Adha, qoonqoo Waaqaa yoo dhageettane, akkuma guyyaa ilaallacha'aa lafa goomolee keessatti Waaqa finqiltanee san mataa hin jabaatina'a! Waaqi, ‘Abbootiin teessan achitti na ilaallatte; na wodhaantelle'e; woggaa afurtama waan ani godhelle dhaggitte. Tanaaf ani dhaloota sanitti aaree, gadhaan isaanii yennaa mara na irraa gora, isaan karaa kiyyalle hin beenne. Maarre addee fooraa ta ani isaanii kennutti ijjumaa hin galanu jedhee aarii tiyyaan kakadheera’ jedhe”. Obboleeyyan tiyya, isin keessaa eennulle gadhaa hama'aa fi hin dhugeeffanne, ka Waaqa jiraataa irraa garagalu akka hin qabaanne ifi eeggadha'a! Ammoo eennulle isin keessaa cubbu'uun sobamee akka mataa hin jabaanne, yennaan “Adha” jedhantu tun adoo hin tarin guyyuma guyya'aan wol jajjabeessa'a! Nuuti dhugeeffannaa teenna ta qara qannu haga muume'eetitti jabeessinnee yoo qabane, worra Kiristoos woliin qooda qabaannu hin teena. Tun akkuma Barreeffami Woyyichi, “Adha qoonqoo Waaqaa yoo dhageettane, akkuma yennaa finqilaa gootane san mataa hin jabaatina'a!” jedhu. Worri qoonqoo Waaqaa dhage'ee finqile eennu fa'a? Worruma Muuse'een sooreffamee biyya Gibxiitii baye maraayyuu motii? Waaqi woggaa afurtama eennufa'atti aare? Worruma cubbuu hujee, lafa goomole'ee keessatti reeffi isaa jigee badee motii? Akkasuma worra hin ajajamin san yoo te'e malee, “Addee fooraa ta ani kennutti hin galtanu” jedhee ka itti kakate eennu fa'a? Maarre worri itti galiisa dadhabe, dhugeeffatiisa dhabiisaan akka te'e dhaggina. Tanaaf addee fooraa ta inni nu'uuf kennutti galiisaaf waadaan galame ammalle waan banaa jiruuf, isin keessaa eennulle carraa itti galiisaa adoo hin dhaggatin akka hin hanne, kowa'a ifi eeggannaa! Oduu Gammadaa tama akka nuuti dhageennee isaanille dhage'ane; te'uu malee isaan jecha dhage'ane san dhugeeffanna'aan waan hin fudhatiniif isaaniif wo hin baane. Hujiin isaa haga biyyi lafaa dadanteen jalqaddee fixantulle, “Addee fooraa ta ani kennutti isaan ijjumaa hin galanu jedhee aarii tiyyaan kakadheera” akkuma jedhe, ammalle nuuti worri dhugeeffanne addee fooraa ta waaqi nu'uuf kennu sanitti hin galla. Marroo guyyaa torbeesso'ootiif addee takkatti, “Waaqi hujii ifii duudii irraa guyyaa torbeesso'oo foorfate” jedhantee barreeffanterti. Ammalle adduma tanatti, “Addee fooraa ta ani kennutti ijjumaa hin galanu” jedha. Addee fooraa sanitti worri galu gariin jira; worri Oduu Gammadaa dursee dhage'e sun ajajamiisa waan dhabeef addee fooraa ta Waaqi isaaf kennutti hin galle. Tunille akkuma kanaan dura, “Adha qoonqoo isaa yoo dhageettane; mataa hin jabaatina'a” jedhee, Waaqi bara heddu'uun duuba karaa Daawwitiitiin dubbii dubbateen, guyyaan dhibiin ka, “Adha” jedhamee waamame waan murtoyeef mirkanooyeera. Iyaasuun addee fooraa san adoo isaaniif kennee jiraate, Waaqi ammalle, “Adha” jedhaa marroo guyyaa biraa hin dubbatuuyyu. Yoona kolbaa Waaqaatiif foorri foora guyyaa Sanbataa fakkaatu ammalle hafeera. Akkuma Waaqi hujii ifii irraa foorfate, nami foora Waaqi kennutti galu huji ifii irraa hin foorfata. Maarre eennulle akka worra sanii ajajamiisa dhabiisaan jigee akka hin hanne, kowa'a addee fooraa sanitti galiisaaf jabaannaa! Jechi Waaqaa jiraata'aa fi ka huju; goraadee qara lama qaddu calaa qara qaba; lubbuu ayyaana irraa, morgeya dhuka irraa muree gargar hin baasa; yaadaa fi halchaa gadhaa namaalle qoree itti hin mura. Dadaan Waaqa duraa dhokattu takkaalle hin jirtu; wonni maraa fuula isaa duratti mulqama'aa fi qullaa te'ee mudhata; nuutille marroo teennaaf ka deebii kennuu qannu fuula isaa duratti te'a. Yoona Hayyicha Guddaa guddicha ka gara ol-gubba'aa dabare, Yesuusii ilma Waaqaa waan qannuuf dhugeeffannaa teenna jabeessinee qabannuu ti. Hayyichi Guddaan nuuti qannu ka dadhabbii teenna nu'uuf nayuu dande'u; inni waan maraan akkuma keenna ataabameera; te'uu malee ijjumaa cubbuu hin hunye. Yoona yennaa gargarsi nu'uuf barbaachisetti akka marartii fudhannuu fi badhaadha dhaggannu, kowaa gara badhaadhi itti dhaggamu, gara barcumaa mootuma'aa ka Waaqaa sodaa malee dhikaannaa. Hayyichi guddaan mara namoota keessaa filamee, haajaa Waaqa woliin woldeessisu irratti addee kolba'aa bu'ee kennansaa fi woreega cubbu'uu dhikeessiisaaf muudama. Inni ifiifuu dadhabbii akkasii waan qabuuf, worra wollaala'aa fi worra karaa irraa bade gadhi-laafumma'aan ilaaliisaaf hin dande'a. Inninuu dadhabbii waan qabuuf, akkuma cubbuu kolba'aatiif dhikeessu, cubbuu ifiitille'eef woreega dhikeessuu qaba. Akkuma Aroonii ka Waaqaan waamame malee, eennulle ulfinna kana ifiin hin fudhatu. Akkasuma Kiristoos ulfinna Hayyicha Guddaa te'iisaa ifiin hin fudhanne; ammoo Waaqa isaan, “Ati ilma kiyya, ani adha si uumadheera!” jedhettu ulfinna kana kenneef. Addee dhibiille'etti, “Akkuma hayyumaa, Malkiisedeqii, ati haga bara baraa hayyu'u” hin jedha. Yesuus biyya lafaa tana irra yennaa le'e, iyyansa gudda'aa fi imimmaaniin, daadimanna'aa fi kadhaa gara Waaqa du'a irraa isa fayyisiisaaf dande'uu dhikeesse; ifi gadi qabee waan ajajameef Waaqi daadimannaa isaa dhage'eef. Ilma Waaqaa te'ulle, rakkinna fudhateen ajajamiisa barate. Guutuu te'een duuba worra isaaf ajajamu maraaf madda fayyinna bara baraa te'e. Waaqi akkuma hayyummaa Malkiisedeqii, Hayyicha Guddaa godhee isa muude. Marroo waan kanaa waan jennu waan hedduu qanna; ammoo hubatiisaaf waan rinciccanuuf, ifa tolchanee himuun rakkisa'a. Yennaa kana barsiisota te'uu maltane; amma ammoo jecha Waaqaa barumsa jalqabaa nami biraa ammalle akka isin barsiisu barbaachisa; sila sagalee jaddu'utti isinii male; ammoo ammalle aananitti isiniif barbaachisa. Nami aananiin jiraatu annuu waan te'eef, barsiisa dansa'aa fi hamaa gargar baasiisaa hin baranne. Sagaleen jadduun ammoo worra gugurdaa, worra dansa'aa fi hamaa gargar baasiisa barateeruuf barbaachitti. Yoona kowa'a barsiisa marroo Kiristoosiitiif kenname, ka jalqabaa lakkinnee gara barsiisa guutu'uu dabarra. Nuuti hundee hujii gara du'aa geessitu irraa deebi'iisaatii fi Waaqatti dhugeefatiisaa, deebinee hin hundeessinu. Akkasuma barsiisa marroo cuuphiisaa, marroo harka mataa namaa irra keyiisaa, marroo du'aa ka'iisaa, marroo muraa bara baraa deebinee hin hundeessinu. Yoo Waaqi jedhe tana hin goona. Worra dhugeeffannaa ifii mormate gara cubbuu irraa deebi'iisaa deebisiis atamiin dande'ama? Kanaan qaraa ifi isaaniif ifeera; kennansa ol-gubba'aalle dhandhamaneeran; Ayyaana Woyyicha wolille'een qoodamaneeran. Dansummaa jecha Waaqaatii fi hunna bara dhufiisaaf jiruulle dhandhamaneeran. Kanaan duuba yoo isaan dhugeeffannaa ifii mormatane, Ilma Waaqaa ifiifuu deebisanee waan fannisaanuu fi waan ifaataan salphisanuuf, isaan gara cubbuu irraa deebi'iisaa deebisiis hin dande'amu. Latti bokkeya isii iratti roobu yennaa hedduu untee, abbaa biqiltuu irratti dhaabeef bu'aa buuchu Waaqa irraa eebba hin dhaggatti. Qore'ee fi qum'uuduu yoo baache ammoo, gatii hin qaddu; yennaa gabaadduu keessatti hin abaaranti; duubi isi'iille ibiddaan gubatiisa. Lansoota tiyya akkas dubbannulle, isin ejjannoo caaltuu ta fayyinna keessan isiniif fiddu irra jiraachu keessan mirkaneeffanneerra. Waaqi Waaqa sirri'itti muru; inni hujii teessanii fi jaalala isin kolbaa isaa gargaariisaan maqaa isaatiif mudhittanee fi ammalle gargaariisaan mudhisiisatti jirtanu hin dedhu. Isin martinuu waan addi'iin eeggattanu haga harkaan qabattanutti, jabeenna keessan haga muumme'eetitti akka mudhitanu barbaanna. Worra dhugeeffanna'aa fi ossatiisaan jabaatee, waan waadaan galameef dhaalu akka fakkaattanu barbaanna malee, worra rincicaa akka teetanu hin barbaannu. Waaqi, Abrahaamiif yennaa waada gale, ittiin kakatiisaaf ka isa caalu waan hin jirreef, ifiin kakatee, “Ani dhugumaan si hin eebbisa, sanyii teetille hin fakkansa” jedhe. Abrahaam ossataan eeggatee waan waadaan galameef dhaggate. Namooti yennaa kakatanu maqaa nama isaan caaluutiin kakatan; dubbii ifiille kaku'uun jabeesiisaan, wol mormii isaan wolakaa jirtu maraa balleesan. Waaqi akki yaada isaa ka hin jijjiiranne akka te'e irra calaa ifa tolchee mudhisiisaaf barbaadee, worra waadaa galame dhaaluuf, waadaa ifii gale kaku'uun jabeesse. Akkuma kanaan Waaqi waan lama ka hin jijjiirannee fi ka ittiin hin sonne addi'ii fi kakuu nu'uuf kenneera; karaa waan lama kanaatiin addii nu dura jirtu jabeesiinee qabatiisa akka dandeennu, nu worri isatti baqanne jajjabeenna guddaa hin dhagganna. Akka hookkoon sibiilaa, hoboloo guddittii qabee dhaabu, nuutille addii addatantu'uu fi jadduu ta lubbuun teenna qabattee dhaabbattu qanna; addiin tun golla'aan duuba dabartee gara addee woyyittii Galma Waaqaa ka ol-gubba'aa hin seenti. Addeen sun addee Yesuus akka seera hayyummaa Malkiisedeqii, Hayyicha Guddaa bara baraa te'ee, nu'uuf nu'uun dura seeneeru. Malkiisedeqiin kun mootii Saalemiitii fi hayyicha Waaqa Ol Aaana'aa ti; inni yennaa Abrahaam mootota injifatee deebi'u kara'atti wolde'ee isa eebbise. Abrahaam waan duudii keessaa, kudhan keessaa tokko baasee kenneef; hiikkaan maqaa Malkiisedeqii tokkoffaan, “Mootii balchuma'aa ti”, akkasuma “Mootii Saalemii” jechuun “Mootii nageyaa” jechu'u. Malkiisedeq abbaa, haadha, yookiin hidda dhalootaa hin qabau; barri jireenna isaalle jalqabaa fi dhuma hin qabu; akka Ilma Waaqaa haga bara baraa hayyuu te'ee jiraata. Abbaan sanyii teennaa Abrahaam waan booji'e keessaa, kudhan keessaa tokko eega isaaf kenne, nami kun attam guddaa akka te'e ilaala'a! Worri sanyii Lewwi'ii te'anee hujii hayyumma'aatitti ramadamanu, sanyii Abrahaamii te'anulle kolbaa ifii irraa jechuun obboleeyyan ifii irraa kudhan keessaa tokko akka fudhatanu seerrii hin ajaja. Malkiisedeq ammoo sanyii Lewwi'ii te'uu dhabulle, Abrahaamii waadaan galameef irraa kudhan kessaa tokko fudhatee, isa eebbise. Diqqaan gudda'aan ebbifamiis mama hin qabu. Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko worri fudhatu worra du'a'a; karaa kaaniin ammoo kudhan keessaa tokko ka fudhatu, hayyicha jiraataa akka te'e ka dhugaan hinteef Melkiisedeq. Lewwiin kudhan keessaa tokko fuudhuuyyu, yennaa san karaa Abrahaamiitiin, “Kudhan keessaa tokko baaseera” jedhiisaaf hin dande'ama. Sababille yennaa Malkiisedeq Abrahaamiin wolde'e, Lewwiin gudeeda Abrahaamii abbaa ifii keessa jiraayyu. Karaa hayyummaa Lewwi'iitiin seerri kolba'aaf kenname; karaa hayyummaa lewwotaa kanaan guutummaan adoo dhaggantee jiraatte, muudaa hayyummaa Aaroonii adoo hin te'in, hayyichi biraa ka muudaa hayyummaa Malkiisedeqii qabu dhufiis sila hin barbaachisuuyyu. Yennaa hayyummaan jijjiirrantu seerrille jijjiiramuu qaba. Goottaan keenna ka marroo isaatiif amma dubbatamu kun ka gosa dhibii keessaa ti; gosa tana keessaa addee ciinca'aa dhiyaatee nami tajaajileeru tokkolle hin jiru. Goottaan keenna gosa Yihuudaa keessaa dhalatiis ka beekkame; te'uu malee Muuseen yennaa marroo hayyootaa dubbate, waan gosa Yihuuda'aa womaa hin dubbanne. Hayyichi biraa ka akka Malkiisedeqii gaafa ka'u, wonni kun caalaa ifa teeti. Inni karaa aada'aa fi seera sayni'iitiin adoo hin te'in, karaa hunna jireenna isaa ka dhuma hin qanneetiin hayyuu te'e. Marroo isaatiif barreeffama Woyyicha keessatti, “Akkuma hayyummaa Malkiisedeqii, ati haga bara baraa hayyuu hin teeta” jedhamee dhugaan bayameeraaf. Ajaji duraa dadhaba'aa fi ka wo hin baane waan te'eef diigameera. Seera Muuse'eetiin wonni tokkolle guutuu te'iisaaf hin dandeenne; amma ammoo addiin caaltuun ta ittiin gara Waaqaa dhikaannu nu'uuf kennanteerti. Hayyummaan tun kakuu Waaqaatiin malee hin teene; worri duraan hayyoota te'ane kakuu malee te'ane. Yesuus ammoo kakuu Waaqaatiin hayyuu te'e; marroo isaatiif Barreeffama Woyyicha keessatti, “Waaqi, ‘Ati haga bara baraa hayyu'u’ jedhee kakateera, inni yaada ifii hin jijjiirratu” jedhantee barreeffanteerti. Sababa kakuu tanaatiin Yesuus gondooroo caaltu'uuf wobii te'eera. Hayyooti duraa hujii hayyummaa ifii akka itti hin fufne duuti waan dhooggituuf, laakkossi isaanii heddu'u. Yesuus ammoo haga bara baraa waan jiraatuuf, hayyumaan isaa hin jijjiirantu. Tanaaf inni isaaniif kadhatiisaaf yennaa duudii waan jiraatuuf, worra karaa isaatiin gara Waaqaa dhiyaatu ijjumaa fayyisiisaaf hin dande'a. Yoona Hayyicha Guddaa: Woyyicha, ka komii hin qanne, qulqulluu, ka cubbaalleyyii irraa gargar baye, ka ol-gubba'aan irra ol aaneeru ka waan nu'uuf barbaachisu mara godhu nu'uuf barbaachisa. Inni akka hayyoota gugurdoo dhibi'i, dursee cubbuu ifiitiif, achiin duuba cubbuu kolba'aatiif guyyuma guyya'aan woreega dhiyeessiis hin barbaachisuuf; yennaa ifi woreega tolchee dhiyeesse, takkumaan yennaa maraaf muummeseera. Seerri Muuse'ee worra dadhabaa hayyoota gugurdoo godhee muuda; jechi kaku'uu ka Seera Muuse'eetiin duuba dhufe ammoo, haga bara baraa guutuu ka te'e Ilma Waaqaa muudeera. Yoona waan dubbannu keessaa wonni guddaan, “Nuuti Hayyicha Guddaa ol-gubba'atti midda barcumaa mootummaa Waaqa ol-aana'aatitti te'eeru qanna” ka jedhu. Inni addee woyyittii dunkaanii dhugittii teete, keessatti tajaajila; dunkaaniin tun harka namaatiin adoo hin te'in Gootta'aan dhaabbante. Hayyooti gugurdoon martinuu, kennansaa fi woreega dhiyeessiisaaf muudaman; tanaaf hayyichi kun waan dhiyeessu qabaatiisa barbaachisa. Akka seeraatitti hayyooti kennansa dhiyeessanu waan jiranuuf, inni adoo lafa tana irra jiraatelle'e hayyuu hin te'uuyyu. Dunkaaniin hayyooti keessatti tajaajilanu tun, dunkaanii ol-gubbaa jirtuuf fakkeennaa fi gaaddiddu'u; yennaa Muuseen dunkaanii ijaarsaaf ka'e Waaqi, “Waan mara malaan akkuma fakkeenna gaara irratti sitti mudhiseetitti tolchi!” jedheen. Amma ammoo, gondooroon Yesuus wolakkaa namaatii fi Waaqaa itti te'e, ta waadaa caalu irratti hundeeffante, akkuma gondooroo dullattii caaltu, tajaajli isaaf kennamelle caala'a. Goondooroon duraa ta komii hin qanne adoo teete, gondooroon lammeesso'oo sila hin barbaachittuuyyu. Waaqi kolbaa ifii irratti balleessaa dhaggee, “‘Kunoo, guyyaan ani kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Yihuuda'aa woliin, gondooroo haareya gondooru hin dhufa’ jedha Goottaan. ‘Gondooroon tun, ta akka yennaa biyya Gibxiitii harka qabee isaan baase, abbootii isaanii woliin gondooreetii moti; waan isaan gondooroo tiyyatti hin jabaatiiniif, anille xiyyeeffannaa isaaniif hin kennine’ jedha Goottaan. ‘Yennaa saniin duuba, kolbaa Israa'eelii woliin gondooroon ani gondooru, Seera kiyya qalbii isaanii keessa hin keya, gadhaa isaanii keessalle'etti hin barreessa; ani isaaniif Waaqa hin te'a, isaanille kolbaa tiyya hin te'an, ta jettu’ jedha Goottaan. ‘Nami tokkolle ollaa ifiitiin yookiin obboleessa ifiitiin, Goottaa beeki! jedhee hin barsiisu; diqqa'aa haga gudda'aatitti martinuu na beekan. Yakka isaaniille isaaniif hin araarama, cubbuu isaaniille haganaan achi hin qaabadhu’ jedheera” jedhe. Yoona Waaqi, “Gondooroo haareya” jedhee dubbatiisaan, gondooroo duraa dulloonseera jechu'u; wonni dulloomee fi moofoye maraa badiisa geyeera. Gondooroon duraa seera waaqeffanna'aatii fi Galma Waaqaa ka lafaa qaddi. Dukaaniin kolloo lama qaddu qopheeffanteertiiyyu. Kolloon balbalatti aantu ta wonni ifa irra keyanu, xarapheessa'aa fi daabboon Waaqaaf kennante keessa jirtu, “Addee Woyyittii” jedhanti. Gollaa lammeesso'ootiin gara duubaa addeen jirtu ta keessaa, “Woyyittii woyyootaa” jedhanti. Achi keessa addeen ciinca'aa, ta worqi'iin hujantee hixaanni irratti aarfamuu fi saanduqi gondooro'oo ka worqi'iin gonfameeru jiran; saanduqa gondooro'oo kana keessa okkoteen worqi'iin hujanteertu ta sagaleen mannaa jedhantu keessa jirtu, uleen Aaroonii ta lattee fi dhakaan baxxichi lamaan ka ajaji kudhan irratti barreeffame jiran. Saanduqa Gondooro'oo irra Kiruubeliin ulfinnaa, ta qadaaddaa addee araarri cubbu'uu kennamuu, koola ifiitiin golliteertu jirti; amma ammoo marroo waan kana maraa tokko tokkoon dubbatiisaaf hin dandeennu. Wonni mara akkasitti qopheeffameen duuba, hayyooti tajaajila ifii muummesiisaaf, yennaa mara gara kolloo dunkaani'ii ta balbalatti aantuu seenan. Kolloo gara boro'oo Hayyicha Guddaa calla'atti seena; innille wogga'atti yennaa tokko callaa seena; inni cubbuu ifiitii fi cubbuu kolbaan wollaalaan huje maraaf, dhiiga dhikeessu adoo hin qabatin hin seenu. Dunkaaniin qaraa haga jirtu karaan gara addee woyyittii woyyootaa geessu, ammalle akka hin banamin Ayyaanni Woyyichi akkasiin mudhisa. Kunille fakkeenna yennaa ammaa ti; kenna'aa fi woreegan akka kanaan dhikaatanu wodanaa nama waaqonfatuu qulqulleesiisaaf ijjumaa hin dande'anu. Wonni kun mara marroo nyaataatii fi uni'ii, marroo aadaa ifi qulleessiisa adda addaa waan te'eef, seera foonii ka haga yennaan seera haareyaa dhuttutti huju. Kiristoos ammoo waan dadansaa dhufaaruuf Hayyicha Guddaa te'ee mudhateera; dunkaaniin inni seene guddo'oo fi guutu'u; dunkaaniin tun ta harka namaatiin hin hujaminii fi ka dadaa tana keessaa hin te'in. Kiristoos woreega dhikeesiisaaf dhiiga re'e'eetii fi dardaraa qabatee adoo hin te'in, takkumaan yennaa maraaf dhiiga ifii qabatee, addee woyyitii woyyoota seene; akkasiin wodama bara baraa akka dhagganu nu'uuf godhe. Dhiigii re'e'eetii fi dardaraa, daadhaan goronsa ciinceffameelle namoota battayane irratti facaasuun, battawuu foon isaanii irraa isaan ka qulleessu yoo te'e, dhiigi Kiristoosii ka karaa Ayyaana bara baraatiin, woreega fokkoo hin qanne godhee, Waaqaaf ifi dhikeesse, Waaqa jiraataa akka Waaqonsinuuf, hujii du'atti geessitu irraa atam attam irra caalaa wodanaa keenna qulleessa ree! Worri waamamane dhaala bara baraa ka waadaan galameef akka fudhatanu, Kiristoos Gondooroo Haareyaaf wodhakkicha. Yennaa Gondooroo duraa jala jiranu san cubbuu hujane irraa bilisa baasiisaaf wodoo te'ee du'e. Yoo dhaamati dhaalaa jiraate, du'a nama dhaamatuu san mirkaneeffatiis barbachisa'a. Dhaamati dhaalaa gafa namichi dhaala kenne sun du'e callaa hujii irra oola malee, adoo inni jiruu hujii irra ooluu hin dande'u. Tanaaf Gondooroon duraatuu dhiigaan malee hujii irra hin oolle. Muuseen ajaja Seeraa tokko tokkoon kolbaa maraaf himeen duuba, dhiiga dardaraatii fi re'e'ee bisaan woliin fuudhee, baala muka hisoophiitii fi rifeensa hoole'ee diima'aan, Kitaaba Seeraatii fi kolbaa maratti fiffixaa, “Dhiigi gondooro'oo ka akka eeggattanuuf Waaqi isin ajaje kana” jedhe. Akkasuma dunkaani'ii fi miya waaqeffanna'aaf tajaajilu maratti diiga fiffixe. Dhugumaan akka Seera Muuse'eetitti waan diqqoo malee, wonni maraa dhiigaan qulleeffama; adoo dhiigi hin dhangala'in araarri cubbu'uu hin jiru. Wonni fakkeenna waan ol-gubba'aa te'e mara, waan kana maraan qulloomis barbaachisa'aayyu; wonni ol-gubbaa jiru maraa ammoo ifiifuu woreega kana caaluun qulleeffama. Kiristoos Galma Waaqaa ka harka namaatiin ijaarame, ka fakkeenna dunkaanii dhugitti'ii te'e hin seenne; inni amma nu'uuf Waaqa duratti mudhatiisaaf jedhee ol-gubbaa seene. Hayyichi guddichi Yihudootaa dhiiga ka isaa hin te'in qabatee, wogguma wogga'aan addee woyyittii Woyyoota seenaa ture; Kiristoos ammoo yennaa hedduu woreega godhee ifi dhikeessiisaaf hin seenne. Adoo akkas te'ee, haga biyyi lafaa dadanteen jalqabee, sila Kiristoos yennaa hedduu rakkinna fudhatiisa qabaayyu. Amma ammoo bara muumme'eetitti, ifi woreegiisaan cubbuu balleessiisaaf, takkumaan yennaa maraaf mudhateera. Nami mara akka du'uu fi achiin duuba mura'aaf akka dhikaatu murtayeera. Kiristoos cubbuu nama heddu'uu ba'atiisaaf yennaa takkaa woreegameera; ammalle cubbuu ba'atiisaaf adoo hin te'in, worra dharra'aan isa eeggatu fayyisiisaaf lammeessoo hin dhufa. Seerri waan dansaa dhufuuf gaaddiddu'u malee, bifa dhugaamessa isaatii moti; tanaaf wogguma wogga'aan yennaa mara woreega woreegamu worra gara Waaqaa dhikaatu guutuu godhiisaaf ijjumaa hin dande'u. Adoo Seerri isaan guutuu godhiisaaf dande'ee jiraate, worri waaqeffatiisaaf dhikaatu karaa itti deddeebii hin qanneen cubbuu irraa waan qulqulloomuuf, wodanaa isaaniititti cubbuun isaanii waan hin dhage'anneef, sila woreega dhikeessiisa hin lakkisaniiyyu. Woreegi kun mara ammoo wogguma wogga'aan ka isaan cubbuu ittiin qaabbatanu. Sababille dhiigi dardaraatii fi re'e'ee cubbuu balleessiisaf hin dandeenne. Tanaaf Kiristoos gara biyya lafaa yennaa dhufe, “Ati woreegaa fi kenna'atti hin gammanne, ammoo nafa anaaf qopheessite. Woreega ciinca'aatii fi, woreega cubbu'uuf woreegamutti ati hin gammanne. Yennaa san ani, ‘Waaqa kiyya, Kitaaba Maramu keessatti akkuma marroo tiyyaaf barreeffante, ani fedhii teeti muummesiisaaf dhufeera’ jedhe” jedhee dubbate. Seerri akka inni tana tolchuuf ajajulle, inni ammoo asiin olitti, “Ati woreegaa fi kennaa, woreega ciinca'aatii fi woreega cubbu'uu hin barbaanne, ittille hin gammanne” jedhe. Itti dabaleelle, “Kunoo, ani fedhii teeti muummessiisaaf dhufeera” jedhe; woreega lammeesso'oo addee buusiisaaf, woreega qaraa diige. Akka fedhii Waaqaatitti, karaa foon Yesuus Kiristoosiitiin takkumaan yennaa maraaf woreega woreegamen woyyuu teeneerra. Hayyichi mara guyyuma guyya'aan dhaabbatee tajaajila hayyumma'aa tajaajila; woreega cubbuu balleesiisaaf hin dandeenne sanille yennaa mara dhikeessa. Kiristoos ammoo woreega tokkocha yennaa maraaf te'u dhikeesseen duuba, midda Waaqaatitti tee'eera. Yennaa sanii jalqabee diinoti isaa ejjata miila isaa akka te'anu eeggatiisatti jira. Sababille inni worra woyyoome san woreega tokkochaan haga bara baraa guutuu akka te'u godheera. Ayyaanni Woyyichille marroo waan kanaa dhugaa nu'uuf hin baya. Inni duraan dursee, “Guyyooti sun yennaa geyane, gondooroon ani isaan woliin gondoorradhu, Seera kiyya gadhaa isaanii keessa hin keya, qalbii isaanii keessalle'etti hin barreessa ta jettu jedha Goottaan” jedhee dhugaa bayeef. Itti dabaleelle, “Ani cubbu'uu fi jalluu isaanii deebi'ee hin qaabbadhu” jedhe. Eega kana araarri maraaf kenname, haganaan achi woreegi cubbu'uuf dhikeeffamu hin jiraatu. Obboleeyyan tiyya, yoona dhiiga Yesuusiitiin addee woyyittii woyyootaa seeniisaaf ifi-addii dhagganneerra. Nuuti karaa golla'aatiin, jechuun karaa hareyyaa fi jiraataa inni foon ifiitiin nu'uuf baneen seenna. Nuuti Hayyicha Guddaa mana Waaqaa irratti baallii qabu qanna. Tanaaf wodanaa hamaa irraa akka qulloonnu yaada gadha'aa qulleeffannee, nafa keennalle bisaan qullichaan dhiqannee, gadhaa qajeela'aa fi dhuugeeffannaa dhugittii qabannee, koowa'a gara Waaqaa dhikaanaa. Waaqi waadaa nu'uuf gale addatamaa waan te'eef, addii dhugeeffannee dhugaa baanuuf tana, koowa'a adoo asii fi achi hin jedhin jabeessinee qabanna. Jaalalaa fi hujii dansa'aan dammaqnee akka leenuuf, koowa'a wolii yaadannaa. Yennaa mara wolitti qabamaa wol jajjabeessinuuti malee, akkuma worri gariin lakkisiisa barate, wolitti qabamiisa mee lakkinnuu ti; guyyaan dhufiisa Gootta'aa akka dhikaate qaabbataa waan kana irra caalaa godha'a. Dhugaa beenneen duuba, beekaatuma cubbuu yoo hunye, haganaan achi woreegi cubbu'uuf dhikaatu hin jiru. Amma ammoo, muraa sodaachisuu fi ibidda hammaa mormitoota Waaqaa nyaatu eeggatiisatti hafeera. Nama Seera Muuse'eetiif ajajama dhabe, yoo nami lama yookiin nami sadi itti dhugaa baye, marartii malee du'aan adabama. Nami Ilma Waaqaa tuffate, ka dhiiga gondoro'oo ka ittiin balchoome shasheesse, ka Ayyaana badhaadhaa arrasse, adabama kana caalu attamiititti barbaachisaaf isinitti fakkaata? Nuuti, “Haluu ka baasu ana, ani gatii malte deebisee hin kaffala”, akkasuma, “Goottaan kolbaa ifiititti hin mura” ka jedhe ennuu akka te'e hin beenna. Harka Waaqa jiraata'aa seenuun akka malee sodaachisa'a. Ifi isiniif ifeen duuba, guyyoota duri rakkinna fudhattanee wodhantoo guddo'oon ossattane san qaabbadha'a. Yennaa tokko tokko nama duratti arraffantanee, farritaneertan; yennaa dhibii worra rakkinna akkasii fudhatu wolille'een rakkinna fudhataneertan. Isin karra caaltuu fi yennaa mara jiraattu akka qaddanu waan beettanuuf, worra hidhameef gadhaa laattane; yennaa karri teessan saamantulle gammadaan fudhattane. Yoona ifi-addii Waaqatti qaddanu, ta gatii guddoo ittiin dhaggattanu san hin gatina'a! Fedhii Waaqaa muummessitanee, waan Waaqi isiniif waadaa gale fudhatiisaaf ossataan eeggatiisa barbaachisa. Sababille Barreeffam Woyyichi, “Yennaa diqqo'oon duuba, ka dhufu'u male hin dhufa, hin turu; Nami balchaan kiyya ammoo, dhugeeffanna'aan jiruu dhaggata; yoo duubatti sissiqe ammoo ani itti hin gammaddu” hin jedha. Nuuti worra dhugeeffatee fayyu malee, worra gara duubaatitti sissiqee baduu moti. Dhugeeffannaa jechuun waan addi'iin eeggatamu tokko, “Dhuguma hin te'a” jedhanee fudhatiisa; waan ilaan hin dhaggine tokkolle akka waan dhaggamuutitti lakkowiisa. Worri durii dhugeeffanna'aan Waaqa biraa fudhatama dhaggate. Ol-gubba'aa fi biyyi lafaa jecha Waaqaatiin akka dadamane dhugeeffanna'aan hin hubanna; waan kanaaf wonni ilaan dhaggamu maraa waan ilaan hin dhaggine iraa akka hujame hin beenna. Abeel dhugeeffanna'aan woreega ka Qaayinii caalu Waaqaaf dhikeesse; Waaqi woreega Abeelii gammadaan yennaa fudhate, Abeel dhugeeffanna'aan balchaa akka te'e dhugaa bayeef; Abeel du'ulle karaa dhugeeffanna'aatiin ammalle dubbatiisatti jira. Heenok akka duuti isaa hin dhaqqanne dhugeeffanna'aan ol fudhatame; waan Waaqi isa fudhateef inni hin dhagganne; adoo hin fudhatamin dura akka inni Waaqa gammachiseeru dhugaan bayameeraaf. Dhugeeffanna'aan malee Waaqa gammachiisuun hin dande'amu; nami gara Waaqaa dhiyaatu, akka Waaqi jiruu fi worra isa barbaaduuf ka gatii kennu akka te'e dhugeeffatuu qaba. Noh marroo waan ilaan hin dhagginee yennaa Waaqi ifi eeggachiise, Waaqa sodaatee maatii ifii fayyisiisaaf hoboloo guddittii dhugeeffanna'aan huje. Sabaaba dhugeeffannaa isaatiif biyya lafaatitti yakkaan murante; innille balchumaa dhugeeffanna'aan dhaggantu dhaale. Abrahaam biyya ifiitii bayee, addee akka dhaalaa fudhatu akka dhaquuf yennaa waamame gara itti dhaqaaru beekuu dhabulle, dhaqiisaaf dhugeeffanna'aan ajajame. Inni Yisihaaqii fi Yaaqoobii isa woliin waadaa galame dhaalanu woliin, biyya waadaan galame keessa, akka ormaa dunkaanii keessa dhugeeffanna'aan le'e. Inni qachaa guddaa hundee jabaa qabu, ka Waaqi akka inni itti ijaaramu qopheessee ijaare waan eeggataa tureef tana godhe. Abrahaam guddoo dulloomulle, Saaraan ta deya hin qanne teetulle, Waaqi waada gale addatamaa akka te'e waan beekeeruuf, dhugeeffanna'aan hunna uumatiisaa dhaggate. Tanaaf Abrahaamii tokkocha akka nama du'eetitti laakkowamu irraa, finni akka urjii ol-gubba'aa fakkannuu fi akka maansa abbaayaa qarqaraa laakkossa hin qanne dhaggame. Worri kun duudiin waadaa isaaniif galame adoo hin fudhatin dhugeeffanna'aan adoo jiranuu du'ane; ammoo fago'otti dhagganee, akka waan dhaggataneetitti gammadaan fudhatane. Lafa tana irralle'etti ormaa fi keessummoota akka te'ane beekaneeraniiyyu. Worri akkas dubbatanu biyya ifii eegatiisatti akka jiranu mudhisan. Biyya keessaa bayane san adoo yaadaa jiraatane itti deebi'iisaaf sila hin dande'aniiyyu. Amma ammoo, isaan biyya san caalu ka ol-gubbaa jirtu dharra'an; tanaaf Waaqi qachaa guddaa waan isaniif qopheesseruuf, “Waaqa isaanii” jedhamee waamamiisaaf hin fokkifanne. Abrahaam yennaa Waaqi isa haga ilaale, dhugeeffanna'aan Yishaaqi woreega godhee dhikeesse. Abrahaamiin waadaa fudhate sun ilma ifii tokkochuma san woreega godhee kenniisaaf qophoyeeraayyu. Ilmi isaalle ka Waaqi, “Sanyiin teeti Yisihaaqiin waammanti” jedheen san. Waaqi du'aa kaasiisaaf dandeettii akka qabu Abrahaam waan hubateeruuf, akka waan du'aa ka'eetitti deebi'ee Yisihaaqi dhagge. Yisihaaqi waan gara duraa te'u yaadatee dhugeeffana'aan Yaaqoobii fi Eesawu eebbise. Yaaqoob yennaa du'a geye, qaccee borjoo ifiititti irkifatee Waaqaaf sagadaa, dhugeeffanna'aan ilmaan Yoseefii tokkuma tokkoon eebbise. Yoseefille yennaa du'a geye, dhugeeffanna'aan kolbaan Israa'elii biyya Gibxii keessaa akka baatu dubbatee, lafee isaalle maan godhuu akka malane ajaja kenne. Yennaa Muuseen dhalate, haatii fi abbaan isaa akka inni shaggicha te'e dhagganee, ajaja mootichaa adoo hin sodaatin ji'a sadi dhugeeffanna'aan dhossane. Muuseen yennaa guddate, dhugeeffanna'aan ilma intala Fara'oonii jedhamee waamamuu dide. Inni yennaa gabaaddu'uuf gammada cubbu'uutiin gammadu'uun irra, kolbaa Waaqaa woliin rakkatuu filate. Gatii gara duraa fudhatu waan ilaaleeruuf, marroo Masihiitiif salphatuun, karra biyya Gibxiitiin irra, ta caaltu akka teete yaadate. Inni dhugeeffanna'aan, mufii mootichaa adoo hin sodaatin biyya Gibxiitii baye; Waaqa ilaan hin dhagginelle akka waan dhaggeetitti te'ee yaada qabutti jabaate. Ergamaan Waaqaa ka akka ilmaan angafoota ijjeesuuf ajajame, angafoota kolbaa Israa'elii akka hin ijjeenneef jedhee, dhugeeffanna'aan Jila Irra Dabaramaatii fi aadaa fixiisa dhiigaa godhe. Kolbaan Israa'elii Abbaayaa Guddittii Diintuu keessa, akkuma lafa goddu'uu dhugeeffanna'aan qaxxaamurte; worri Gibxii ammoo akkuma isaanii godhiisaaf wodhaanee liqinfame. Worri Israa'elii dhugeeffanna'aan Yerikoo marsee, guyyaa torba irra naannayeen duuba dalleen dhaka'aa jige. Sagaagaltittiin Rahaab jedhantu dootuu waan nageyaan fudhatteef, worra hin ajajane woliin du'iisa irraa dhugeeffanna'aan hatte. Yoona tana caalaa maan jedhu ree? Marroo Gidewoonii, Baaraaqii, Samsonii, Yifta'aa, Daawwitii, Saamu'eliitii fi raagotaa isinitti odeessiisaaf yennaan naa hin geettu. Isaan dhugeeffanna'aan mootota injifatane; sirri'itti bulchane; waan waadaa galamelle fudhatane; afaan neeqaa cufane; bobe'a ibiddaa dhaanfane; qara goraade'ee jalaa bayane; dadhabbii ifii irraa jajjabaatane; lolaan janna te'ane; loltoota ormaa ari'ane. Dubartooti firoottaan isaanii duraa du'anee, du'aa ka'ane, deebisanee fudhatane. Worri kuun ammoo du'aa ka'anee jiruu caalte dhaggatiisaaf, hiikkamuu didanee, farra dhaggane. Worri kuun taphatamanee licheen dhaanamanee, wodaroo sibiilaatiinille hidhamanee, mana hidha'aatitti hidhamane. Dhaka'aan tumamane; magaazi'iin adde lamatti baqaffamane; goraade'een ijjeefamane; gogaa hoole'eetii fi re'e'ee uffatanee asii fi achi deemane; hiyyoommatanee, miidhamanee, akka malee tolfamane. Biyyi lafaa isaaniif ta malte hin teene! Isaan akka worra baqatuu goomole'ee fi gaara, godaa fi boolla lafaa keessa olii gadi deemane. Dhugeeffannaa isaan maraatiifuu dhugaan bayantulle, waadaa isaaniif galame ammalle hin fudhanne. Waaqi waan caalu waan nu'uuf qopheesseeruuf, isaan nu woliin malee, qofuu guutuu te'iisaaf hin dande'anu. Maarre dhugaa baatota akka duumensaa adaala teenna naannessane tana mara waan qannuuf, kowa'a waan ba'aa nu irratti te'e maraa fi cubbuu nu'utti maxxante ifi irraa balleessinee, doggommii rukkee nu dura jirtuu ciniinnannee ossatiisaan rukkinna. Nuuti jalqaba'aa fi muummessaa dhugeeffanna teennaa ka te'e Yesuus ilaaliisaan rukkinna; inni waan gammadi fuula isaa dura jiruuf, salphinna fannoo irratti du'iisaa adoo woyitti hin laakkowin, rakkinnaa fi du'a fanno'oo ossatee midda barcumaa mootumma'aa ka Waaqaatitti tee'e. Yoona akka hifattanee addii hin kutanne, mormii cubbaaleyyi'ii tana mara ka ossate Yesuus ilaala'a. Isin cubbu'uun woliin wodhaantoo qabatiisaan haga dhiiga keessan dhangalaasiisaatitti haga ammaa hin falmane. Gorsa Waaqi akka ijoollee ifiititti isinitti dubbate deetaneertan; inni, “Ilma kiyya! Yennaa Goottaan sirreessiisaaf si xixu, akka kaso'ootitti hin ilaalin; yennaa inni si adabelle, gadhaa hin kutatin! Sababille Goottaan nama jaallatu hin xixa, nama akka ilma ifiititti fuudhatulle hin adaba” hin jedha. Waaqi akka ijoollee ifiititti waan isin ilaaluuf, rakkoo adabbi'ii ossadha'a! Ilmi abbaan hin adabne kam inni? Adabbii ijoolleen fudhattu maraa isinille yoo hin fudhane, isin baana malee ijoolle'ee moti. Kana maleelle nuuti martinuu abbootii nu adabanu qanna; nuutille isaan hin ulfeessina. Akka jiru'uun leenuuf irra calaa Abbaa keenna ayyaanaatiif ajajamu'uu mallee motii ree? Abbootiin teenna yennaa diqqo'oof akkuma dansaa fakkaattee isaanitti mudhattetti nu adabane; Waaqi ammoo akka nuuti woyyummaa isaa qoodannuuf, bu'aa teennaaf nu adaba. Adabbiin kennantu yennaa san ka nama gaddisiittu malee, ka nama gammachiittu hin fakkaatu; duuba ammoo worra itti barateef midhaan balchumma'aa ka nageyaan guutame hin buuchi. Tanaaf harka keessan ka isin irraa bu'ee fi jilba keessan ka dadhabe jabeessa'a! Miilli keessan ka naafate akka fayyu malee akka adde'een hin kaane, miila keessaniif karaa qajeelfadha'a. Nama maraa woliin nageyaan le'a! Woyyumma'aan malee, eennulle Goottaa dhaggiisaaf waan hin dandeenneef, woyyumma'aan le'iisaaf jabaadha'a. Isin keessaa eennulle irraa badhaadhi Waaqaa akka hin dhidhanne, akkasuma hiddi hadhowaan isin keessatti latee akka isin hin rakkinnee fi worra hedduu akka hin xureessine ifi eeggadha'a. Eennulle baalagee, yookiin akka Eesaawuu sagalee yennaa takka'aatiif jedhee, angafummaa ifii gurguree ka Waaqa malee le'u te'ee, akka hin teene ifi eeggadha'a. Duuba irra Esaawu eebba dhaggatiisaaf yennaa barbaade, akka dhooggame isinuu hin beettan; boowaa eebba dhaggatiisaaf barbaadatulle, waan huje irraa deebi'iisaaf carraa hin dhagganne. Isin akka Israa'elootaa gara gaara Siina'aa ka harkaan qabamuu dande'uu, ka ibiddaan bobe'uu hin geenne; gara dukkannaa, gara dimmaa, gara bubbe'ee, gara qoonqoo tultulla'aatii fi qoonqoon jechaan himantu dhage'antuu hin dhikaanne; worri jecha san dhage'ane akka jechi dhibiin dabalamee itti hin dhage'anne kadhatane. Ajaji, “Bineensille gaara san yoo tuqe, dhaka'aan tumamee du'uu ti” jedhu waan isaanitti ulfaateef, ba'atiisaaf hin dandeenne. Wonni achitti dhaggame akka malee sodaachisaa waan te'eef, Muuseenuu, ‘Ani sodaadhee holladhe” jedhe. Isin ammoo gara gaara Xiyooniitii dhikaattaneertan; Xiyoon qachaa Waaqa jiraata'aa ka teete Yerusaalemii ol-gubba'aati; isin gara ergantoota Waaqaa ta kuma heddu'utti laakkowantuu, ta gammadaan wolitti qabanteertuu dhikaattaneertan. Gara Wolde'a worra maqaan isaanii ol-gubba'atti barreeffamee, ka angafoota ijjoollee Waaqaa te'anee dhikaattaneertan. Gara Waaqa kolbaa duudi'itti muruutii fi lubbuu balchoole'ee ta guutuu teetee dhikaattaneertan. Gara Yesuusii wodhakkicha gondooroo haareyaa te'ee, gara ka dhiiga Abeelii caalaa dubbatuutii fi dhiiga isaa ka fixamee dhikaattaneertan. Ka dubbatiisatti jiru san akka hin didanne ifi eeggadha'a! Worri Waaqi biyya lafaa irratti dubbatuun didane jalaa bayiisa eega dadhabane, nuuti ka ol-gubbaa irraa nutti dubbatu yoo didanne attamiin jalaa baana ree! Yennaa san qoonqoon isaa lafa tachooteerti; amma ammoo, “Ani ammalle yennaa tokko, lafa callaa adoo hin te'in, ol-gubbaalle hin tachoosa” jedhee waadaa galeera. Jechi, “Ani ammalle yennaa tokko” jedhu kun, wonni hin tachoone jabaatee akka le'u, wonni tacho'u yookiin wonni dadame akka badu mudhisa. Yoona nuuti mootummaa hin tachoone waan dhaalluuf kowa'a Waaqa galateeffanna; karaa inni itti gammaduun, ulfinnaa fi soda'aan kowa'a isa Waaqonfanna. Sababille Waaqi keenna ibidda gubee balleessu. Yennaa mara akka obboleeyyanii wol jaalladha'a! Keessummaa fudhattanee keessumeessiisa hin dedhina'a; sababille akkas godhiisaan namooti gariin adoo hin beekin ergantoota Waaqaa fudhatanee keessummeesaneeran. Akka isaan woliin hidhantanee jirtanuutitti, worra hidhameeru yaadadha'a! Akka isaan woliin rakkatiisatti jirtanuutitti, worra rakkinna fudhatiisatti jiru yaadadha'a! Fuudhaa fi heerum nama mara biratti ulfinna qabaatuu ti; Waaqi worra sagaagaluu fi worra gaarayyeeffatutti waan muruuf, abbaan manaatii fi haati manaa woliif addatamanuu ti. Jaalala beese'ee irraa if qusadha'a; wonni isin qaddanu isin gewuu ti. Waaqi, “Ani ijjumaa si hin lakkisu, ijjumaa si hin gatu” jedheera. Maarre sodaa malee, “Goottaan gargaaraa kiyya, ani hin sodaadhu; nami maan na godhuu dande'a ree?” hin jenna. Worra jecha Waaqaa isinitti dursee hime sorreyyii teessan qaabbadha'a! Leetoo isaanii keessaa waan dhaggame ilaala'a, fakkeenna dhugeeffannaa isaaniille fudhadha'aatii hordofa'a. Yesuus Kiristoos kaleelle, adhaalle, haga bara baraalle sanuma! Barsiisa adda addaa, barsiisa orma te'e maraan hin booji'amina'a! Gadhaan keenna seera sagale'ee eeggatiisaan adoo hin te'in, badhaadha Waaqaatiin adoo jabaate dansa'a; worri seera sagale'ee eeggateeyyuu womaa hin dhagganne. Nuuti addee ciincaan itti ciinceffamu qanna; te'uu malee worri dunkaanii Yihudootaa san keessa tajaajilu akka addee ciincaan itti ciinceffamu irraa nyaatuuf hin eeyyamamu. Hayyichi guddichi Yihudootaa, dhiiga hori'ii ka araara cubbu'uu fidu qabatee addee woyyittii woyyootaa seena; foon horii sanii ammoo addee itti qubataneen alatti gubama. Akkasuma Yesuus dhiiga ifiitiin kolbaa woyyonsiisaaf, karra qachaa gudda'aatiin alatti rakkate. Kowa'a nuutille addee quttumaatii baanee gara isaa dhandha; worra salphinna inni fudhatelle qoodannu teena. Nuuti qachaa guddicha dhufu eeggatiisatti jirra malee, qachaa guddicha hin banne lafa tana irratti hin qannu. Yoona, karaa Yesuusiitiin woreega galataa adoo gargar hin kutin, kowa'a Waaqaaf kennina. Kunille woreega galataa, ka afaan maqaa isaatiif dhugaa bawu irraa dhikaatu. Waan dansaa godhiisaa fi waan qaddanu worra dhibi'iin geyiisa hin dedhina'a! Woreegi akkasii Waaqa hin gammachiisa. Sooreyyii teessaniif ajajama'a; baallii isaaniitille'een jalatti bula'a; isaan baallii Waaqaan itti gaafatamanu waan qabanuuf, lubbuu teessan jabaatanee tissan; yoo isin isaaniif ajajantane, isaan kana gammadaan hujan; yoo akkas hin te'in, gaddaan hujan; kun isiniif dansa'aa moti. Nu'uuf daadimadha'a; nuuti karaa maraan waan dansaa hujiisaaf halchaa waan qannuuf, wodanaa qulqulluu akka qannu beenneerra. Irra caalaa akka ani dafee gara keessan deebi'ee dhufuuf akka daadimattanu, jabeessee isin kadhadha. Waaqi Abbaan nageyaa, ka dhiiga gondooroo bara baraatiin, tissee hoole'ee guddicha, Goottaa keenna Yesuus du'aa kaase, fedhii isaa akka muummessitanuuf waan dansaa maraan isin hidhachiisu; waan isa gammachiisulle, karaa Yesuus Kiristoosiitiin nu keessatti hujuu ti. Ulfinni haga bara baraa Yesuus Kiristoosiif te'u! Ameen. Obboleeyyan tiyya! Ergaan ani isiniif barreesse tun gabaadduu waan teeteef, dubbii gorsaa tana ossataan akka fudhattanu jabeessee isin kadhadha. Obboleessi keenna Ximootewoosille mana hidha'aatii akka hiikame akka beettanu fedha. Yoo inni dafee as dhufe, isa woliin dhufee isin dhagga. Sooreyyii teessanii fi kolbaa Waaqaa maratti nageya naa hima'a! Obboleeyyan biyya Ixaaliya'aatii dhutte nageya isinitti dhaanti. Badhaadhi Waaqaa isin mara woliin jiraatu! Ameen. Ana Yaaqoobii tajaajilaa Waaqaatii fi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii irraa, gosa kudhanii lama ta biyya lafaa duudi'itti bittinnoottaneef: negeenni isiniif te'u. Obboleeyyan tiyya! Haga ilaallatama adda addaatiin ilaallatamuun yoo isinitti dhuttelle, akka gammadaatitti fudhadha'a! Sababille haga ilaallatamuun dhugeeffannaa teessanii ciniinnattanee ossiisa akka fidu hin beettan. Haga muumme'ee ciniinnattanee ossiis keessan worra bilchaatee fi guutuu te'e, ka dhidhinna hin qanne akka teetanu isin gootuu ti. Nami isin keessaa qarummaan dhidhatte yoo jiraate, Waaqa nama maraaf arjumma'aa fi komii malee kennu kadhatuu ti! Innille isaaf hin kenna. Ammoo adoo hin mamin dhugeeffanna'aan kadhatuu ti; nami mamu akka danbalii abbaayaa guddo'oo ta qilleensaan asii fi achi darbantuu ti. Nami akkasii, ka yaada lamaatii fi karaa maraan raafamaa waan te'eef, Goottaa biraa waan tokkolle hin dhaggadha jedhee hin eegatin. Obboleessi gad aanaan, waan Waaqaan ol qabamuuf ifi jajuu ti! Durummaalle akkuma daraara'aa waan dabartuuf, obboleessi dureessille yoo Waaqi isa gad qabe ifi jajuu ti! Aduun o'a isi'ii ka woxaluun baatee daraaraa qoorsiti; daraaraan hin harca'a, dansummaan isaalle hin baddi. Akkasuma dureessille, hujii ifii adoo hujatuu hin bada. Nami ataabee ciniinnaatee ossatu ka badhaadhe. Sababille ataabamee haga ilaallameen duuba, gatii jiru'uu ka Waaqi worra isa jaallatuuf waadaa gale hin fudhata. Nami yennaa ataabamu, “Waaqi na ataabe” hin jedhin; Waaqi hantu'uun hin ataabamu; ifille'eef nama hin ataabu. Ammoo nami martinuu halchuma ifiitiin yennaa sossobamee sobamu ataabama. Achiin duuba, halchaan sun yennaa ulfootte, cubbuu dhalti; cubbuun sunille, yennaa guddattee geette, du'a dhalti. Obboleeyyan tiyya ta jaallatantane, hin sobamina'a. Arjummaa dansa'aa fi kennansi mijuun mara abbaa ifa ol-gubba'aa dade, ka akka gaaddisaa garagaggaliis yookiin jijjiiramiis bira hin jirre biraa dhufa. Nuuti dadaa isaa maraaf angafa akka teenuuf, Waaqi fedhii ifiitiin jecha dhuga'aatiin nu uume. Obboleeyyan tiyya ta jaallatantane, tana hubatuu qaddan! Nami martinuu dhage'iisaf ka ariifate, dubbatisaa fi aariisaaf ka hin ariifanne te'uu ti; sababille aariin namaa balchummaa Waaqaa hin fiddu. Tanaaf battumma'aa fi bacatiisa hammeennaa mara ifi irraa balleessa'a; jecha lubbuu teessan fayyisiisaaf hunna qabu, ka isin keessatti dhaabame san gadhi laafumma'aan fudhadha'a. Worra jecha hujii irra oolchu te'aa malee, worra dhage'u qofa teetanee ifi hin sobina'a. Nami jecha dhage'ee hujii irra hin oolchine ammoo, akka nama fuula ifii daaw'iti'iin ilaaluu ti; inni ifi ilaalee deemeen duuba, yoosuma maan akka fakkaatu hin dedha. Ammoo nami Seera Waaqaa ka dhidhinna hin qanne, ka bilisa baasu hubatee ilaalu, ka ittille ossatu, ka dhage'ee hujii irra oolchuu fi ka hin deene hujii ifiitiin ka eebbifame hin te'a. Nami, nama dhugeeffannaa qabu ifi seyee, arraba ifii hin eeganne ammoo ifi soba malee, dhugeeffannaan isaa gatii hin qaddu. Waaqa Abbaa duratti dhugeeffaannaan qullitti'ii fi xurii hin qanne tana: rakkinna ijoollee abba'aa fi haadha hin qannee, dubartoota abbaan manaa irraa du'eelle gargaaraa, xurii biyya lafaa irralle'ee ifi eeggachu'u. Obboleeyyan tiyya! Goottaa ulfinnaa keenna Yesuus Kiristoositti dhugeeffannaa eega qabaattane, nama wol hin caalchisina'a. Nami dureessi tokko qubee worqi'ii keyatee, woyaa dansaalle uffatee gara wolitti qabama keessanii yoo dhufe, namichi hiyyeessi woyaa ciccittu'uulle yoo ol seene, isin namicha woyaa dansaa uffate san ulfeessiisaan, “Ati addee dansaa tana tee'i” jettanee, namicha hiyyeessa saniin ammoo, “Ati achi dhaabbadhu yookiin as miila kiyya jala tee'i” yoo jettane, odduu teessanitti nama wol caalchittanee, worra yaada hama'aan muru te'uu keessanii motii ree? Obboleeyyan tiyya ta jaallatantane, dhage'aa! Waaqi akka isaan dhugeeffanna'aan dureeyyii te'anuu fi mootummaa inni worra isa jaallatanuuf waadaa gale san akka dhaalanuuf, worra biyya lafaatitti hiyyeeyyii te'ane filateeraa motii? Isin ammoo worra hiyyeeyyii ulfinna dhooggitane; worri isin hacuucu, worri gara kora mura'aa isin harkisu dureeyyi'ii motii? Maqaa dansaa isin ittiin waamantanu ka faanshessu isaanii motii? Seera mootummaa Waaqaa akka Barreeffam Woyyichi, “Ollaa keeti akka ifi jaallattutti jaalladhu” jedhutti, yoo muummessitane dansaa gootane. Nama yoo wol caalchittane ammoo cubbuu hujjan; akka yakkaamessa tokkootitti seerri isinitti mura. Nami tokko seera kaan mara eegatee, tokkocha yoo balleesse, akka waan maraayyuu balleesseetitti yakki itti hin murama. Ka, “Hin gaarayyeeffatin” jedhettuu, “Hin ijjeesin” waan jedheef, ati yoo gaarayyeeffatuu dhaddelle, eega ijjeette yakkaamessa teeteerta. Akka worra seera bilisummaa kennu duratti dhikaatee muraa dhaggatuu dubbadha'a, hujadhaalle'e. Nama marartii hin qannetti, marartii malee itti hin muranti; marartiin muraa hin injifatti. Obboleeyyan tiyya! Nami tokko, “Ani dhugeeffannaa qaba” jedhee, hujii dansa'aan dhugeeffannaa ifii yoo hin mudhisin, maan isaa baati? Dhugeeffannaan akkasii sun isa fayyisuu hin dandeettii? Obboleeyyan yookiin obboleettoti, waan uffatanuu fi nyaatanu hin qanne yoo jiraatane, isin keessaa nami tokko, waan le'ii isaaniitiif barbaachisu adoo hin kenniniif, “Nageyaan deema'a, hin boojjatina'a, quufa'a!” yoo jedheen, maan isaaniif baati? Maarre dhugeeffannaan hujii dansaa hin qanne ta duute. Nami tokko, “Ati dhugeeffannaa qadda; ani hujii dansaa qaba” yoo jedhe, ani, “Dhugeeffannaa teeti hujii irraa gargar baasiitii anatti mudhisi; anille dhugeeffannaa tiyya hujii tiyyaan sitti mudhisa” hin jedhaan. Ati Waaqi tokkochi akka jiru hin dhugeeffatta; dansaa goote! Durriisotille tana hin dhugeessan, sodaataneelle hin hollatan. Namicha gowwa'a! Dhugeeffannaan huji'iin malee ta gatii hin qanne akka teete beekiisaaf dhugaa itti barbaaddaa? Abbaan keenna Abrahaam ilma ifii Yisihaaq, addee ciincaan itti ciinceffamu irratti yennaa dhikeesse, huji'inii motii ka balchoome? Tanaan dhugeeffannaan isaa hujii isaa woliin hujataa akka turte, dhugeeffannaalle huji'iin akka muummotte hin dhaggituu? Barreeffam Woyyichi, “Abrahaam Waaqa dhugeeffate, dhugeeffannaan isaalle balchumma'atti laakkowante” jedhu muummoye; innille jaala Waaqaa jedhame. Nami huji'iin malee, dhugeeffannaa qofaan akka hin balchoonne hin dhaggitan. Akkasuma, Rahaabiin sagaagaltittiille yennaa worra Israa'elii ka ergamee dhufe san fudhattee, karaa dhibi'iin akka bayanu goote, hujii ifiitiin balchoontee motii? Nafi hafuura hin qanne ka du'e; dhugeeffannaan hujii hin qannelle ta duute. Obboleeyyan tiyya! Isin keessaa nami hedduun barsiisota hin te'ina'a. Sababille nuuti worri barsiisota teene worra kaan caalaa muraa akka fudhannu hin beettan. Nuuti martinuu dokonkora hedduu goona; nami dubbii ifiitiin hin dokonkorre, nama nafa ifii duudii toyatuu dande'u, nama miju'u. Fardi akka nu'uuf ajajamu bixaala afaan keessa keenna; gara feene isa geessina. Me hoboloo guddoo ilaala'a! Hoboloon guddoon adoo guddo'ootuu, qilleessa jabaalle'een adoo oofantuu, nami hoboloo oofu shaffisaa diqqaa tokkoon gara fedhe oofa. Akkasuma, arrabille qoqoodama nafaa keessaa waan diqqaa tokko adoo te'eeruu, waan gugurdo'oon ifi jaja. Gongomaan guddaan ibidda diqqaa tokkoon attam akka gubatu hubadha'a! Arrabille ibidda. Inni qoqoodama nafaa oddu'utti ka dhaggamu, biyya lafaa ta hammeennaa ti; nafa duudii batteessa; akka ibidda qillee ibiddaa keessaa bayuulle ideensa le'ii teennaa duudii hin guba; ifille'eef ibidda qile'eetiin gubata. Nami bineensota adda addaa, simbirroota, bineensota lafa irra lowu, bineensota bisaan keessaa leenjisuu hin dande'a; leenjiseeralle'e. Nami arraba leenjisuu dande'u ammoo hin jiru; inni hadhaa du'aatiin ka guutamee fi hamaa hin toowatanne. Nuuti arrabaan Waaqa Abbaa keenna galateessina, isumaanuu namoota fakkeenna Waaqaatiin dadamane abaarra. Afaanuma tokkocha keessaa galataa fi abaarsi baya; obboleeyyan tiyya! Kun te'uu hin malle. Maddi tokkochi bisaan mi'owuu fi hadhowu hin maddaa? Obboleeyyan tiya! Muki harru'uu midhaan ejersaa, muki woyni'iille midhaaan harru'uu buusuu hin dande'aa? Akkasuma maddi horaa bisaan nami unu madduu hin dande'u. Isin keessaa qarichaa fi hubataan eennu? Inni le'ii ifii dansa'aan, waan ifi qad qabiisaa fi qaroomaan hujuun mudhisuu ti. Gadhaa keessan keessatti hinaaffaa hadhoottu'uu fi ifi jaallachuu yoo qabaattane ammoo, ifi hin jajina'a! Dhugaa irralle'etti soba hin dubbatina'a! Qarummaan akkasii tun ta lafaa, ta ayyaantummaa hin qannee fi ta durriisaa ti malee, ta ol-gubbaa irraa dhutee moti. Addee hinaaffa'aa fi ifi jaallatiis jirtutti hoga'aa fi waan hantuu maratti jira. Qarummaan ol-gubbaa irraa dhuttu matooma qulqullitti'i; akkasuma nageellitti'i, qajeeltu'u, ifi kennitu'u, mararti'ii fi midhaan dansa'aan ta guutante; wol caalchisiisaa fi kijibille ta keessa hin jirre. Worri nageya buusu, nageya facaasee, midhaan balchumma'aa wolitti qabata. Lolaa fi falamaan odduu teessan jirtu, eessaa dhutte? Halchaa nafa keessan keessatti wol loltu irraa dhuttii motii? Isin waan tokko hin halchitan, ammoo hin dhaggattanu; tanaaf nama ijjeettan. Jabaattaneelle wo halchitan, dhaggatiisaaf hin dandeettanu; tanaaf wol falamaa wol loltan. Waan hin daadimanneef, waan barbaaddanu hin dhaggattanu. Yennaa daadimattanulle, gammada foonii irra olchiisaaf, yaada hama'aan waan daadimattanuuf hin dhaggattanu. Isin kolbaa Waaqaaf hin addatanne! Biyya lafaatiin jaalomuun diina Waaqaa akka nama gootu hin beettanuu? Tanaaf nami jaala biyya lafaa te'uu halchu, diina Waaqaa hin te'a. Yookiin Barreeffam Woyyichi, “Waaqi, ayyaana nu keessa keyeef hin hinaafa” yennaa jedhu, akkasumaan ka dubbatu isinitti fakkaataa? Waaqi ammoo badhaadha irra caalu hin kenna; tanaaf Barreeffam Woyyichi, “Waaqi worra kooru hin morma, worra gad ifi qabuuf badhaadha hin kenna” jedha. Maarre Waaqaaf ajajama'a; Seexana ammoo morma'a, innille isin baqata. Gara Waaqaa dhikaadha'a, innille gara keessan hin dhikaata. Isin cubbaaleyyiin, harka keessan qulqulleeffadha'a. Isin worri yaada lamaa, gadhaa keessan qulleeffadha'a. Laaleffadha'a, gadda'a, booya'a! Kolli keessan gara gaddaa, gammadi keessan gara booyiisaa jijjiiramuu ti. Goottaa duratti gad ifi qaba'a, innille ol isin hin qaba. Obboleeyyan tiyya, waan hantuu wol irratti hin dubbatina'a! Nami waan hantuu obboleessa irratti dubbatu yookiin obboleessa ifiititti muru, seera irratti hantuu dubbata, ittille hin mura; ati seera irratti yoo murte ammoo, nama seera irratti muru malee, nama seera hujii irra oolchuu moti. Ka seera baasuu fi murulle Waaquma tokkocha; ka fayyisiisaa fi balleesiisa dande'ulle isuma calla'a; ati ka namatti murtu eennu ree? Isin worri, “Adha yookiin boru qachaa akkasiitii fi akkasii dhandhee woggaa tokko achi turra, hin daddalanna, bu'aalle keessaa buufanna” jettanu, caqasa'a! Isin waan boru te'u hin beettanu; jiruun teessan maan? Isin akka hurrii yennaa diqqo'oof mudhattee deebitee badduu ti. Addee san, “Yoo Goottaan jedhee fi yoo jiraanne, kana yookiin san hin goona” jedhuu maltane. Amma ammoo isin hin koortan, ifille hin jajjan; ifi jajuun akkasii duudiin hantu'u. Nami waan dansaa godhiisa adoo beekuu, hin goone, godhuu dhabiis isaa cubbuu itti teeti. Amma isin dureeyyiille caqasa'a! Gaddi waan isinitti dhufaaruuf, wiiccifadha'aa booya'a. Karri teessan alootteerti; woyaan teessanille bili'iin nyaatanteerti. Worqi'ii fi meetiin teessan ciilteerti; ciilli isaanii kun isin irratti dhugaa hin baya, akka ibiddaalle foon nafa keessanii hin nyaata. Guyyoota gara muumme'ee kana keessatti karra wolitti qabattaneertan. Caqasa'a! Worra fichaa keessan haamaa ooleef mindaan isin kaffaluu dhaddane isin irratti iyyiisatti jira; Goottaan waan mara dande'u iyyansa isaanii dhage'eera. Isin qanani'ii fi gammadaan lafa irra leetaneertan; guyyaa itti qalantanuuf ifi gabbifattaneertan. Isin nama balchaa isin hin morminetti murtanee ijjeettaneertan. Obboleeyyan tiyya! Haga Goottaan deebi'ee dhufutti ossadha'a. Qonnaan bulaan tokko haga latti isaa bokkeya matoomaatii fi eege'ee dhaggattutti ossataa, midhaan gatii-qabeessa fichaan isaa kennu, akka inni eegatu ilaala'a. Isinille akkasuma ossadha'a! Guyyaan Goottaan dhufu waan dhikaatteef, gadhaa keessan jabeeffadha'a. Obboleeyyan tiyya! Akka isinitti hin muranne wolitti hin gungumina'a! Kunoo yennaan abbaan mura'aa dhufu geetteerti. Obboleeyyan tiyya! Marroo rakkatiisaatii fi ossatiisaa, raagota maqaa Gootta'aatiin dubbatane akka fakkeennaatitti fudhadha'a! Worra ciniinnatee ossaa ture san, nuuti akka worra badhaadheetitti isaan ilaalla. Iyyoob attam akka ciniinnatee osse dhageettaneertan; muummee irratti waan Goottaan godhe dhaggitaneertan; sababille Goottaan marara'aa fi gadhi-laafessa. Obboleeyyan tiyya! Waan mara caalaa hin kakatina'a! Ol-gubba'aan yookiin lafaan yookiin waan dhibiille'een hin kakatina'a! “Eetiin” teessan eeti, “Waawwoon” teessan waawwoo teetuu ti. Yoo akkas hin te'in, isinitti hin muranti. Odduu teessan nami rakkatiisatti jiru jiraa? Inni daadimatuu ti! Nami gammadeeru jiraa? Inni faaruu galataa faarfatuu ti. Odduu teessan nami dhibameeru jiraa? Inni jaarsolee wolde'a kiristaanaa waammatuu ti; isaan maqaa Gootta'aatiin zayitii issanee isaaf daadimatanuu ti. Daadimannaan dhugeeffanna'aan godhantu dhibamaa hin fayyitti; Goottaalle dhibee irraa isa hin fayyisa; yoo cubbuu hujee jiraatelle araarri hin kennamaaf. Tanaaf akka dhibee irraa fayyitanuuf, cubbuu teessan wolitti himadha'a, woliifille daadimadha'a! Daadimannaan nama balcha'aa hunnaametti'ii fi bu'aa qabeetti'i. Eliyaas namuma akka keennaatiiyyu; akka bokkeenni hin roonne yennaa jabeesse daadimate, woggaa sadii fi ji'a jaa lafa sanitti bokkeenni hin roonne. Yennaa inni deebi'ee daadimate ammoo, gubbaan bokkeya kennitee, lattille midhaan baache. Obboleeyyan tiyya! Isin keessaa nami tokko dhugaa irraa goreeruun, nami dhibiin dhuga'atti yoo isa deebise, ka nama cubbaalessa cubbuu irraa deebisu, lubbuu nama cubbaalessaa du'a irraa fayyisee, cubbuu heddu'uufille akka inni araara dhaggatu akka godhe beekuu ti. Ana Pheexroosii ergamaa Yesuus Kiristoosii irraa, worra Waaqaa foyantane ka biyya jirtanuu baatanee kutaa biyya Phonxoosiititti, Galaatiya'aatitti, Qaphadooqiya'aatitti, Asiya'aatii fi Bitaaniya'aatitti bittinnoottanee jirtanu, ka akkuma Waaqi Abbaan duraanuu karoorfatetti filantanee, Yesuus Kiristoosiif ajajamiisaa fi dhiiga isaatiin qulqulloomiisaaf Ayyaana Woyyichaan woyyoontaneef: Badhaadhii fi nageenni isiniif fakkanu. Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiif galanni te'u! Inni marartii ifii guddo'oon du'a keessaa ka'iisa Yesuus Kiristoosiitiin addii jiraattuu tanatti akka jiraannuuf haareya godhee nu uumateera. Akkasuma inni karra guddoo hin banne, yookiin hin aloonne, yookiin hin dulloonne Ol-gubba'atti isiniif qopheesseera. Kun isin worra karaa dhugeeffannaa fayyinna bara muumme'eetitti mudhatuuf qophayee jiruuf, hunna Waaqaatiin eegantanee jirtanuuf te'a. Amma yennaa gabaaddu'uuf haga ilaallatama gara garaatiin gadditanulle, marroo waan kanaa guddoo gammada'a. Worqiin badduuyyuu, ibiddaan haga ilaallatanti; dhugeeffannan teessan ammoo ta worqii caalaa gatii guddo'oo, ta dhuga'aa te'uu isi'ii mirkaneessiisaaf ilaallachaan tun isin dhaqqaddi. Achiin duuba guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee mudhatu galata, ulfinnaa fi leelloo dhaggattan. Isin isa dhagguu dhaddanulle isa hin jaalattan; isin amma isa dhagguu dhaddanulle, isatti dhugeeffattanee gammada gudda'aa fi ulfinna hagana jedhamee hin himanneen gammaddan. Sababille fayyinna lubbuu teessanii, ka dhugeeffanna'aan eeggattanu fudhattan. Raagoti badhaadha Waaqi isiniif kennu kana raagane, fayyinna kana akka maltetti qoranna'aa fi qu'annaa godhaneeran. Ayyaanni Kiristoosii ka isaan kessa jiru, rakkoo Kiristoos dhaqqadduu fi saniin duubatti ulfinna inni dhaggatu dursee waan isaanitti beessiseeruuf, yennaan tun yoomii fi attam akka muummottu qorqoraa turane. Raagoti tun isiniif malee, mataa ifiitiif akka hin tajaajilin Waaqi isaanitti mudhiseera. Kun hunna Ayyaana Woyyicha Ol-gubbaa irraa ergameen karaa worra Oduu Gammadaa lallabuutiin isinitti himame. Waan kana ergantooti Waaqaatuu hubatiisaaf halchaneeran. Tanaaf, waan gootanuuf qalbii teessan qopheesa'a; worra ifi qabatu te'a'a; addii teessan guutuma guutu'utti badhaadha yennaa Yesuus Kiristoos mudhatu isiniif kennamutti godhadha'a. Akka ijoollee ajajantuu te'aa malee, halchaa badduu durii ta adoo hin beekin leetanu hin hodofina'a. Ammoo Waaqi isin waame woyyuu akkuma te'e, isinille waan gootanu duudi'iin woyyuu te'a'a. Barreeffam Woyyichi, “Ani woyyuu waan te'eef isinille woyyuu te'a'a” jedha. Waaqa nama adoo wol hin caalchisin, nama maraafuu akka hujii isaatitti muru “Abbaa” jettanee ka waantanu yoo teetane, biyya lafaa ta akka keessumma'aa irra jirtanu tanatti isa sodaataa le'a'a. Jireenna abbootii teessan irraa isinitti tare, ka woyi hin baane, waan badu ka akka meeti'iin yookiin worqi'iitiin akka hin wodamin, isinuu hin beettan. Isin dhiiga Kiristoosii, ka gatii guddo'oo, ka akka dhiiga korbeessa komi'ii fi dhidhuu hin qanneetiin wodantaneertan. Inni biyyi lafaa tun adoo hin dadamin duraanuu Waaqaan foyamee, bara muumme'eetitti isiniif jedhee mudhiffame. Isin karaa isaatiin, Waaqa isa du'a keessaa kaasee ulfinna isaa kenne dhugeeffattane; maarre tanaaf dhugeeffanna'aa fi addiin teessan Waaqatti godhattane. Isin dhuga'aaf ajajamiisaan ifi qulqulleessitanee, worra dhibiille jalala dhuga'aatiin jaallataneertan; maarre gadhaa tokkochaan guddisa'aa wol jaaladha'a. Isin karaa jecha Waaqaa jiraata'aa fi bara baraan jiraatuutiin, sanyii baddu adoo hin te'iin sanyii hin banne irraa lammoo dhalattaneertan. Sababille Barreeffam Woyyichi “Nami foon uffate duudiin akka marraati; ulfinni isaalle akka daraaraa badda'aati; marri hin qoora; daraaraalle hin harca'a. Jechi Waaqaa ammoo haga bara baraa le'a. Jechi Oduu Gammadaa ka isiniif lallabamelle kana” hin jedha. Yoona hammeenna duudii, maltummaa duudii, kijibummaa, hinaaffa'aa fi hamii duudii irraa ifi fageessa'a. Akkuma daa'immaan reefi dhalatte aanan barbaaddu, isinille gara fayyinnaa akka ittiin guddattanu aanan Ayyaanticha hin caamolamin dhara'a'a. Isin akka Goottaan arjaa te'e waan beettaneertanuuf tana hin gootan. Maarre gara dhakaa jiraata'aa, gara Goottaa Yesuusii dhiyaadha'a; Inni dhakaa namaan tuffatamee Waaqaan filatamee gatii guddoo qabu. Isin hayyoota woyyuu te'uuf, ciincaa ayyaanaa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin Waaqa duratti fudhatama qabu dhikeessiisaaf, akka dhakaa jiraata'aa ijaarsa galma ayyaanaatiif te'a'a. Barreeffam Woyyichi, “Kunoo, dhakaa roga ijaarsaa ka filatamee fi ka gatii guddo'oo qachaa Xiyoonii keessatti hin dhaaba; nami isatti dhugeeffattu tokkolle hin qaanowu” jedha. Isin worra dhugeeffattanuuf dhakaan kun dhakaa gatii guddo'ooti; worra hin dhugeeffanneef ammoo, “Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, dhakaa dhakaa maraa caalaa barbaadamu te'e” jedha. Akkasuma Barreeffami Woyyichi dhibiin, “Dhakaan nama gufachiisu, rassaa nama jissu hin te'a” jedha. Isaan Jecha Waaqaatiif waan ajajamuu dhabaneef hin gufatan. Kun duraanuu waan isaaniif yaadameeru. Isin ammoo sanyii foyante, hayyootaa mooti'ii, kolbaa woyyittii, kolbaa Waaqaa teetanee, baasa hujii Waaqaa akka lalladdanuuf, inni dukkana keessaa gara ifa baasaa isin waame. Tanaan qara isin kolbaa Waaqaatii moti; amma ammoo kolbaa isaa ti; tanaan qara isin marartii Waaqaa hin dhagganne, amma ammoo marartii isaa dhaggattaneertan. Obboleeyyan tiyya! Biyya lafaa ta akka ormaatii fi keessumma'aa irra leetanu tana keessatti, halchaa foonii ta lubbuu teessan aatu irraa akka fagaattanu isin magannifadha. Worri Yihudoota hin te'in akka isin hantuu godhaartanuutitti isin himatanulle, hujii dansaa teessan dhagganee guyyaa dhufa Waaqaa akka isa galateeffatanu, isaan wodhakka'atti amala dansa'aan le'a'a. Gootta'aaf jedha'aatii lafa tanatti worra baallii qabu maraaf: mootii moototaa ka ballii ol aantuu qabuuf, yookiin bulchitoota biyyaa ka akka yakkaameyyii adabanuu fi worra dansaa godhanu akka galateeffatanuuf, mootii moototaa biraa ergamaneef ajajama'a. Sababille Waaqi akka isin waan dansaa hujaa, haasowa worra gowwoole'ee afaan qabachiittanu barbaada. Akka worra bilisaa, Waaqaaf garboolee te'aatii le'aa malee, bilisummaa teessan gollata waan hantu'uu hin godhatina'a. Nama duudii ulfeessa'a; dhugeeffattoota jaaladha'a; Waaqa sodaadha'a; mootii ulfeessa'a. Isin worri garbooleen goottota teessaniif ulfinnaan ajajama'a; goottota dansa'aa fi qajeelota calla'aaf adoo hin te'in, hamaaleyyi'iifille ulfinnaan ajajama'a. Waaqaaf jettanee, rakkoo sababa malee isin dhaqqaddu yoo ossitane, inni isin hin eebbisa. Hantuu gootaneef dikantanee yoo ossitane, galata maan qaddan ree? Ammoo dansaa gootanee rakkoo fudhattanee yoo ossitane, Waaqi isin hin eebbisa. Waaqi waan kanaaf isin waame; Kiristoos ammoo isiniif rakkatee isa faana akka horddottanu fakkeenna isiniif te'e. Inni ijjumaa cubbuu hin hunye; sobille afaan isaa keessaa hin baane. Inni yennaa arraffame deebisee hin arrassine; yennaa rakkate, Waaqa muraa qajeeltuu murutti addii godhate malee, isaan hin sossodaachinne. Akka nuuti cubbu'uuf duunee balchumma'aan leenu, Kiristoosinuu cubbuu teenna nafa ifiitiin fannoo irratti ba'ate; isin madaa isaatiin fayyitaneertan. Isin akka hoolee karaa irraa baddee joonjaa turtane; amma ammoo gara tisse'ee fi eegaa lubbuu teessanii deebitaneertan. Akkasuma isin haadhotiin manaa, abbootiin manaa teessan gariin, Jecha Waaqaatitti ka hin dhugeeffanne teetulle, isin waan tokko adoo hin dubbatin amala isin mudhittanuun booji'amanee dhugeeffatan fa'a te'a, isaaniif ajajama'a. Sababille isaan qulqullumma'aa fi amala dansaa keessan yennaa dhaggane tana godhan. Shaggummaan teessan waan alaan mudhatuun mataa dhowatiisaan, worqii naqatiisaan, yookiin woyaa gatii guddo'oo uffatiisaan ifi seefatiisaan hin te'in. Ammoo shaggummaan teessan, ka ayyaanni qajeela'aa fi sirnaamessi Waaqa duratti gatiin isaa guddaa te'e keessa jiru, ka yennaa mara hin banne, seefata keessa nafa keessanii te'uu ti. Bara durii hadhootiin manaa ta woyyoonte, ta addii ifii Waaqaatti godhatte, abbootii manaa ifiitiif ajajamaa ifi seeffatteerti. Isaan akkuma Saaraan Abrahaamiin, “Goottaa kiyya” jedhaa ajajanteef ajajamane. Isinille amma dansaa godhaa waan tokkolle yoo sodaatuu dhaddanne ijoollee isi'iiti. Akkasuma isin abbootiin manaa, akka haadhotiin manaa teesan isin caalaa dadhaddu'uu isi'iif beeka'aatii woliin le'a'a; ulfinna isaaniif kenna'a; sababille isaan isin woliin badhadha jiru'uu ka Waaqi kennu dhaggatan. Yoo akkas gootane wonni daadimata keessaniif gufuu te'aa hin jiraattu. Muumme irratti, isin duudiin yaada tokkoon wolii gala'a; woliif dhiiga'a; akka obboleeyyanii wol jaaladha'a; arjoole'ee fi worra ifi gad qabu te'a'a. Eebbisa'a malee, hammeenna hammeennaan, arraba arrabaan hin deebisina'a; sababille isin waan akkasii kana godhiisaan eebba akka dhaaltanuuf waammantane. Barreeffam Woyyichi, “Nami jiruu barbaaduu fi bara dansaa dhagguu fedhu, arraba ifii hantuu dubbatiisa irraa, hidhii ifii soba dubbatuu irraa dhooggatuu ti. Inni hammeenna irraa garagalee dansaa godhuu ti. Nageya barbaaduu ti; hordofatuutille'e. Ilti Gootta'aa gara worra balchootaa ilaalti; gurri isaalle daadimata isaanii hin dhage'a; worra hantuu godhutti ammoo nyaara guura” jedha. Waan dansaa godhiisaaf yoo hinaattane ka isin irratti hantuu huju eennu? Waan dansaa hujiisaan rakkoo yoo fudhattanelle eebba hin dhaggattan; sossodaachisiisa namaa hin sodaatina'a; hin raafaminaalle'e. Kiristoos ammoo akka Gootta'aatitti adda baasa'aatii ulfeessa'a. Marroo addii isin keessa jirtuu, nama isin gaafatu maraaf deebii kenniisaaf yennaa maraa ka qophoottane te'a'a. Ammoo deebiin teessan qajeelumma'aa fi kabajja'aan teetuu ti. Ka Kiristoosii waan teetaneef, amala dansaa keessan worri hammeessee dubbatu hantuu dubbataneen akka qaanowanu wodanaa dansaa qabaadha'a. Yoo fedha Waaqaa te'e, hantuu hujiisaan rakkinna fudhatu'uu mannaa, waan dansaa hujaa rakkinna fudhatuu woyya. Kiristoos gara Waaqaa nu dhikeessiisaaf jedhee, adoo balchaa te'ee jiruu, nu worra balchummaa hin qanneef sababa cubbuu teennaatiif, yennaa maraaf yennaa takkatuu du'e. Inni fooniin du'ee ayyaanaan ammoo jiraataa te'e. Inni Ayyaanuma saniin dhaqee ayyaanota mana hidhaa keessa jiranuuf lallabe. Ayyaanoti mana hidha'aa keessa jiranu sun, bara Nohi hoboloo guddittii ijaarrate adoo Waaqi ossataan isaan eegiisatti jiruu worra ajajama didane. Worri bisaan badi'ii irraa hafe, nama saddeet ka hoboloo guddittii keessa seene qofa. Bisaan kun fakkeenna cuuphama amma isin fayyisuu ti; cuuphami kunille xurii nafaa dhiqatiisa adoo hin te'in, kadhaa wodanaa qullicha dhaggatiisaaf gara Waaqaa dhikaattu. Innille karaa du'aa fi ka'a Yesuus Kiristoosiitiin isin fayyisa. Kiristoos amma gara ol gubba'aa dhaqee maddii midda Waaqa Abba'aatitti tee'eera; ergantooti Waaqaa, worri baallii qabuu fi hunnooti, baallii isaa jala jiran. Eega Kiristoos nafa ifiitiin rakkate, isinille akka nama meya woraanaa hidhatee yaada kanaan jabaadha'a; sababille nami nafa ifiitiin rakkatu cubbuu dhiiseera. Haganaa achi bara le'ii isaa ta lafa irraa, akka halchaa foonii adoo hin te'in akka fedhii Waaqaa le'uu qaba. Tanaan qara barri isin akkuma worri Yihudooota hin te'in huju: baalagumma'aan, halchaa baddu'uun, machi'iin, akka malee nyaataa caaqu'uun, akka malee uniisaa fi waaqeffannaa farra teete waaqota dharaa waaqonsu'uun dabarsitane hin geya. Amma lansooti teessan ta durii waan isin isaan woliin samaamuruu dhaddaneef maadeffatanee, isin arrassan. Isaan ammoo waan godhane kanaaf, Waaqa worra jiruu fi du'etti muriisaaf qophoyeef, deebii mataa ifii hin kennan. Tanaaf Oduun Gammadaa worra du'anelle'eef lallabante; akka kanaan akkuma nama maratti murante nafa isaaniititti hin muranti; ayyaanaan ammoo akka Waaqi jiraatutti jiraatan. Muummeen waan maraa dhikaateerti; tanaaf akka daadimatiisa dandeettanu, worra ifi qabatuu fi dammaqe te'a'a. Jaalalli cubbuu hedduu waan golluuf, waan duudii caalaa gadhaa tokkoon wol jaaladha'a. Adoo hin gungumin keessumummaa wol fudhadha'a. Akka towataa addatamaa kennansa Waaqaa ka adda addaa hujii irra oolchu tokkoo, tokko tokkoon keessan kennansa adda addaa ka Waaqa irraa fudhataneen wol tajaajila'a. Nami lallabu akka Jecha Waaqaatitti lallabuu ti; ka tajaajilu hunna Waaqi isaaf kenneen tajaajiluu ti; maarre Waaqi waan duudi'iin karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin galatateeffama. Isaaf ulfinnii fi hunni baraa haga bara baraatitti te'u! Ameen. Obboleeyyan tiyya! Rakkoon jadduun ta akka ibiddaa guddu haga isin ilaaliisaaf yoo isin dhaqqadde, wonni teetee hin beenne akka isin irra dhaqqaddeetitti hin baaseffatina'a. Addee akkasii yennaa Kiristoos ulfinna ifiitin mudhatu gammadi keessan guddaa akka te'u, rakkoo isaa worra qoodamu waan teetaneef gammada'a. Maqaa Kiristoosiitiif yoo arraffantane, Ayyaanni ulfinnaa, Ayyaanni Waaqaa waan isin irratti foorfatuuf isin worra badhaadhe. Isin keessaa nami rakkoo fudhatu tokko, nama ijjeessee yookiin hatee yookiin yakkee yookiin waan isa hin galchine keessa galiisaan rakkoo hin fudhatin. Kiristaana waan te'eef nami rakkinna fudhatu yoo jiraate, marroo maqaa Kiristoosiitiif Waaqa galateeffatuu ti malee, hin fokkifatin. Guyyaan muraan jalqabantu geetteerti; muraan tun worra mana Waaqaa keessa jiru irratti jalqabanti. Eega muraan nu irratti jalqabantu teete, mummeen worra Oduu Gammadaa ta Waaqaatiif hin ajajannee maan te'itti ree? Barreeffam Woyyichi, “Nami balchaanuu eega rakko'oon fayyu teete, nami Waaqa malee jiraatuu fi cubbamaan attam te'uu jira ree?” jedha. Maarre worri akka fedha Waaqaatitti rakkatu, ifi Abbaa dadaa addatama'atti magannee kennatee, waan dansaa ittuma hujuu ti. Ani akkuma isaanii jaarsi wolde'a Kiristaanaa, dhugaa bayaan rakkinna Kiristoosii, akkasuma ulfinna Kiristoosii ka mudhatu'uu jiru ka qoodamu, jaarsolee wolde'a kiristaanaa ta wodhakkaa teessan jirtu gorsa. Hoolee Waaqaa ta Waaqi akka tissitanuuf isinitti kenne hunnaan adoo hin te'in akka Waaqi barbaadutti, fedhii teessaniin tissa'a; bu'aa nama irraa dhaggatiisaaf joljoliisaan adoo hin te'in, halchaa tajaajiliisaaf qaddanuun te'uu ti. Akkasuma hoolee saniif fakkeenna te'iisaan malee, hoolee tika keessan jala jirtu irratti goottomiisaan hin te'in. Yennaa tisseen guddaan mudhatu, kallacha ulfinnaa ka ijjumaa hin banne hin fudhattan. Akkasuma isin dargaggooti jaarsole'eef ajajama'a. Isin martinuu ifi gad qabiisa akka woya'aa uffadha'aatii wol tajaajila'a. Barreeffam Woyyichi, “Waaqi worra kooru hin morma; worra gad ifi qabuuf ammoo badhaadha hin kenna” jedha. Maarre Waaqi yennaa ifii murteessetti akka isin ol qabu, harka Waaqa hunnaameessaa jalatti ifi gad qaba'a. Waan Waaqi isiniif yaaduuf, waan isin yaachisu duudii isa irratti gata'a. Gumeeffadha'a; dammaqa'a! Diinni keessan Seexanni, akka neenqa waan linqinsu barbaadee dhangaa dhowuu, adaala keessan garmaama. Obboleeyyan teessan ta biyya lafaa duudii keessa jirtu, rakkoo akkasii akka fudhatu beeka'aatii, dhugeeffanna'atti jabaadha'aatii Seexana morma'a. Yennaa diqqoo rakkattaneen duuba ammoo, Waaqi abbaan badhaadha duudi'ii, ka karaa Kiristoosiitiin ulfinna isaa ka bara baraa akka qoodantanuuf isin waame, inninuu akka duriititti isin deebisee, isin utubee, isin jabeessee hin hundeessa. Hunni bara baraa haga bara baraa isaaf teetu! Ameen. Ani karaa Silwaanosii akka dhugeeffataa addatama'atitti laakkowuutiin ergaa gabaadduu tana isiniif barreesseera; ani isin gorsiisaa fi kun badhaadha Waaqaa dhugicha akka te'e dhugaa bayiisaaf jedhee barreesse. Badhaadha Waaqaa kanatti jabaadha'aa dhaabbadha'a. Wolde'i kiristaanaa ka biyya Baabiloonii keessa jiru, ka akkuma keessan filame nageya isinii dhaama; ilmi kiyya Maarqoosille nageya isinii dhaama. Jaalala kiristaanumma'aatiin wol sunqataa nageya wol fuudha'a. Nageenni isin worra ka Kiristoosii teetane maraaf te'u. Ana Simoon Pheexroosii, tajaajila'aa fi ergamaa Yesuus Kiristoosii te'e irraa, worra karaa balchummaa Waaqa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, dhugeeffannaa gatii guddo'oo, tama akka nuuti dhaggannee dhaggattaneef: Waaqaa fi Goottaa Keenna Yesuus Kiristoos beekiisaan, badhaadhaa fi nageenni isiniif fakkanu. Waaqa ulfinnaa fi dansummaa ifiitiin nu waame beekiisaan, hunni Waaqummaa isaa, waan jiruu teennaa fi ayyaantummaa dhuga'aatiif nuu barbaachisu duudii kenniteerti. Ulfinnaa fi dansummaa isaatiin, waadaa isaa ka akka malee gudda'aatii fi ka gatii gudda'aa dhagganneerra; karaa waan kanaatiin, sababa halchaa baddu'uutiin ta kaate, badii biyya lafaa keessa jirtu jalaa baatanee, amala Waaqumma'aa worra qoodamu teetaneertan. Sababa kanaaf, dhugeeffannaa irratti dansummaan akka dabalantu, dansummmaa irratti beekkunsa, beekkunsa irratti ifi qabatiisa, ifi qabatiisa irratti ciniinnatanee ossiisa, ciniinnatanee ossiisa irratti nama Waaqaa te'iisa, nama Waaqaa te'iisa irratti, akka obboleeyyanii woliif yaadiisa, akka obboleeyyanii woliif yaadiisa irratti jaalala nama maraa qabaadha'a. Wonni kun isin keessa jiraattee heddataa yoo deente, Goottaa keenna Yesuus Kiristoos beekiisaan, akka isin worra woyi hin baanee fi midhaan hin buunne akka hin teene isin hin eega. Nami waan kana hin qanne ammoo, nama fagoo hin dhagginnee fi balla'a; inni cubbuu durii irraa qulloomuu ifii dedheera. Tanaaf obboleeyyan tiyya! Waamamiisaa fi filamiisa keessan mirkaneessiisaaf, worra caalchittanee dharraatanu te'a'a; tana yoo gootane dhugeeffannaa teessan irraa ijjumaa hin jiddanu. Akka kanaan, gara mootummaa Goottaa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii, ta bara baraatitti akka galtanu middi guutuun isiniif hin kennama. Maarre isin amma waan kana beettanee, dhugaa qabattaneen jabaattanee jiraattanulle, ani yennaa maraa waan kana isin yaadachisiisa hin lakkisu. Ani haga jiruu keessummumma'aa tanaan jiru, yaada keessan dammassuun kiyya sirrii te'ee anatti mudhata. Sababille Goottaan keenna Yesuus Kiristoos akka anatti mudhisetti jiruu lafa tanaa dafee lakkisee akka deemu hin beeka. Ani deemeen duubale'etti, waan kana duudii akka isin yennaa mara qaabattanu godhu'uuf hin jabaadha. Nuuti hunnaa fi deebi'ee dhufiisa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii yennaa isinitti beessinne, guddinna isaa iluma teennaan dhaggineeti malee, mammaassa beekkunsa namaatiin dadame irratti hundoonneetii moti. Inni qoonqoon, “Kuni ilma kiyya ka ani jaaladhu, ani isatti guddoo gammadeera” jettu ulfinna gudda'aan yennaa dhutte, Waaqa Abbaa irraa guddinnaa fi ulfinna fudhateera. Yennaa isa woliin gaara woyyicha gubbaa jirru, nuutinuu qoonqoon tun ol-gubbaa irraa dhuttuun dhageenneerra. Maarre dubbiin raagoti dubbatane irra caalaa nuu mirkanootteerti. Isin haga boruun dayya'ee bakkalchi ganamaa gadhaa keessan keessatti bawutti, dubbii tana akka ifa addee dukkanaatitti ifuuf xiyyeeffannaa kennitanu, dubbii raagoti dubbatte tanaaf yoo xiyyeeffannaa kennitane dansaa gootan. Waan duudi'iin dura, dubbii raagaa ta Barreeffama Woyyicha keessa jirtu, eennulle yaada ifiitiin hiikiisaaf akka hin dandeenne hubatuu qaddan. Sababille dubbiin raagaa worra Ayyaana Woyyichaan sooreffammeen Waaqa irraa dhutte malee, ijjummaa fedha namaatiin hin dhunne. Akkuma tanaan qara raagoti dharaa kolbaa oddu'utti ka'ane, barsiisoti dharaa isin oddu'utti hin ka'an. Isaan akka barsiis dharaa ka badii fidu dhokaataan babadhatu godhan; Goottaa isaan wodelle mormatanee, badii ariifattuu ifi irratti fidan. Namooti hedduun karaa isaanii fokkisiisaa hordofan; waan isaan godhanuun ta kaate karaan dhuga'aa hin arraffama. Barsiisoti dharaa tun joljolummaa ifiitiin mammaassa ifuma keessaa fuudhaa dubbataa isin irraa nyaatan. Muraan bara duriitiin jalqaddee isaanii qophootteerti. Badiin isaaniille rattee hin jirtu! Waaqi yennaa ergantooti isaatuu cubbuu hujane, isaan gad darbatee, boolla qilee dukkanaa keessatti wodaroo sibiilaatiin hidhamanee, guyyaa mura'aatiif akka eegamanu godhe malee, isaan hin mararre. Akkasuma, Inni biyya lafaa ta durii, ta namoota Waaqa malee le'anuu irratti bisaan badi'ii fidee, Nohii waan balchumma'aa lallabe qofa, namoota dhibii torba woliin hanbure malee, isii hin mararre. Waaqi waan worra Waaqa malee le'u irratti dhufuuf akka fakkeenna te'uuf, qachoota Sodoomiitii fi Gomora'aatitti muree ibiddaan balleessee daadhaa godhe. Inni Looxii balchicha, hujii fokkisiittu worra seera malee le'uutiin farraa le'u ammoo hanbureera. Namichi balchaan sun yennaa odduu isaanii le'u hujii isaanii ta seera male'ee, ta dhagguu fi dhage'uun guyyuma guyya'aan lubbuun isaa balchitiin farraa turte. Maarre Goottaan, namoota Waaqaa haga ilaalcha jalaa attam akka baasu, worra jalloota ammoo haga guyyaa mura'aatitti attam akka adabama jala tursu hin beeka; keessumattu worra halchaa badduu fedha foon ifii hordofuu fi worra baallii Waaqaa jibbu guyyaa mura'aatiif eega. Barsiisoti dharaa tun worra sodaan keessa hin jirree fi koorameeyyii waan te'aneef, dadaa ulfinnaa ta ol-gubba'aa hin arrassan malee hin ulfeessanu. Ergantooti Waaqaa, barsiisota dharaa tana caalaa hunnaa fi baallii qabaatanulle, Goottaa duratti dubbii arrabaatiin isaan hin himatanu. Barsiisoti dharaa tun ammoo waan ifiif hubatuu dadhabane arrassan; isaan akka bineensa duuddittii le'uutii fi yaadee wo gargar hin baannee, ka qabamu'uu fi ijjeefamu'uuf dhalatee ti; akkuma bineensi sun badu, isaaniille ijjumaa hin badan. Isaan hantuu tolchaneef hantuu dhaggatan. Isaan ila guyya'aatiin halchaa nafa ifii guutatiisaaf waanuma fedhane godhaa gammadan; yennaa nyaataaf isin woliin waamamane, isaan worra hujii isaanii maltitti'iin fokkisiisuu fi qaaneessu. Iltii isaanii yennaa duudii halcha'aan gara gaarayyeeffataa ilaalti; halchaan isaaniille cubbuu hujiisa irraa dheebuu hin baatu. Namoota dadhaboolee wollaalchisanee tiyyoo ifiititti galfatan. Qalbiin isaanii joljoliisa baratteerti. Isaan abaarsa Waaqaa jala jiran! Isaan karaa qajeelaa dhiisanee, karaa Bala'aamii ilma Be'orii ka waan hantuu hujiisaan beesee dhaggantu jaalatuu faana goranee dokonkoraneeran. Inni ammoo yakkaa ifiitiif xixame. Harreen dubbatuu hin dandeenne qoonqoo namaatiin dubbattee maraattummaa raagichaa dhooggiteerti. Worri akkanaa kun akka bisaan madda gogeetii fi duumeensa bubbe'een oofamuu ti; dukkanti dimmille isaan eegatti. Isaan ifi saadaa dubbii gara hin qannelle dubbatiisaaf, halchaa badduu fedha fooniitiin, worra dokonkora keessa le'anu keessaa reefuu baqatanee dhufane sossobaa tiyyoo ifii keessatti galchan. Adoo ifiifuu garbummaa badi'ii jala jiranuu, worra kaaniin ammoo bilisa baatan jedhaa, addii kennaniif; sababille nami tokko waan isaaf goottome maraaf garba. Goottaa keennaa fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoos beekiisaan, battummaa biyya lafaa jalaa bayaneen duuba, deebi'anee itti qabamanee yoo moyamane, akki isaan itti le'anu ka duubaa ka duraa caalaa itti hammaata. Karaa balchumma'aa beekaneen duuba, ajaja woyyicha isaaniif kenname beekanee, addee irraa deebi'anu adoo duruu beekuu dhabanee woyya. Mammaassi dhugichi, “Sareen diddiga ifiitittuu deebiti” jedhu, akkasuma “Booyyeen dhiqatte dhoqqee keessatti gangalatiisaaf deebiti” jedhu isaan irratti te'eera. Jaalota tiyya! Ergaan ani amma isiniif barreessiisatti jiru tun, ta lammeesso'oo ti. Waan kana qaabatiisaan yaada qajeelaa akka qabaattanuuf, isin kakkaasiisaaf jedhee, ergaa lamaanuu isiniif barreesse. Kanaan dura jechoota raagoti dubbatanee fi ajaja Gootta'aa fi Fayyisaa keennaa, ka karaa ergantoota isin tajaajiltuutiin kenname akka qaabattanu barbaada. Waan duudi'iin qara, guyyoota muumme'eetitti worri shasheessuu fi worri halchaa badduu ifii hordofu shasheessaa akka dhufu hubatuu qaddan. Isaan, “Yesuus deebi'ee akka dhufu waadaa galeeraa motii? Inni meeti ree? Haguma abbootiin teenna ta durii duuteenuu jalqabee, wonni duudiin jalqaba dadaatiin jalqaddee akkuma jirtu jirti!” jedhan. Isaan akka bara heddu'uun duratti, ol-gubbaan jecha Waaqaatiin dadantee fi akka latti bisaan irraa fi bisaaniin hujante adoo beekanu akka hin beennee te'an. Biyyi lafaa ta yennaa san jirtulle, bisaaniin liqinfantee badde. Ol-gubba'aa fi latti amma jirtu tun ammoo, akka ibiddaan badanuuf, haga guyyaan mura'aatii fi badiin worra Waaqa malee le'uu geettutti, jechuma kanaan eegaman. Jaalota tiyya, waan tokko hin dedhina'a! Goottaa birati guyyaan tokko akka woggaa kumaa ti; woggaan kumi akka guyyaa tokkoo ti. Akka namooti gariin tura seyanutti Goottaan waan waadaa gale muummessiisaaf hin turu. Ammoo nami duudiin cubbuu irraa akka deebi'uuf malee, nami tokkolle akka badu waan hin barbaanneef, isiniif ossa. Guyyaan Gootta'aa ammoo akka hattu'uu dedha dhufa; guyyaa san ol-gubbaan qoonqoo guddo'oon dhidhinti; dadaan ol-gubba'aalle ibiddaan gubattee baddi; latti waan isii irra jiru duudii woliin hin baddi. Wonni kun duudiin akka kanaan ta baddu yoo teete, isin attam le'iisaaf maltane ree? Isin woyyumma'aa fi Waaqaaf ifi kenniisaan le'iisa qaddan. Yoona worra guyyaa dhufa Waaqaa dharra'aan eegattanuu fi worra akka inni ariifatee dhufu hujanu te'a'a. Gaafa ol-gubbaan ibiddaan gubattee baddu, dadaan marti o'aan hin baxxi. Nuuti ammoo akkuma inni waadaa nu'uuf galetti, ol-gubbaa haareya, addee hujiin balchumma'aa itti hundeefantu san hin eeganna. Tanaaf jaalota tiyya! Waan kana adoo eegattanuu, fuula Waaqaa duratti worra xuri'ii fi komii hin qanne teetanee jirtanuun, akka nageyaan isin dhaggu jabaadha'aa le'a'a. Ossiis Goottaa keennaalle akka isin fayyitanuuf akka te'e beeka'a! Akkasuma obboleessi keenna jaallatamaan Phawuloosille qaruu Waaqi isaaf kenneen tanuma isiniif barreesse. Inni ergaa ifii duudii keessatti marroo dubbii tanaa akkuma kana barreesseera. Ergoota isaa keessatti wonni tokko tokko ka hubatiisaaf nama dhibu jira. Worri wollaala'aa fi afaan lama dubbatu akkuma Barreeffama Woyyicha dhibii dassee hiiku, waan kanalle daddassa. Maarre isaan badii ifi irratti fidan. Isin ammoo, jaalota tiyya! Waan kana waan duruu beettanuuf dokonkora worra jalliye'eetiin harkifantanee ijjanoo teessan jadduu irraa akka hin banne, ifi eegadha'a. Ammoo badhaadhaa fi beekkuma Gootta'aa fi Fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin ittuma guddadha'a. Ammaa fi haga bara baraa ulfinni isaaf te'u! Ameen. Marroo jecha jiru'uu ka jalqabaa jalqabee jiruu, ka gurra keennaan dhageenne, ka ila teennaan dhaggine, ka ilaallee fi ka harka keennaan qaqqannee isiniif barreessina. Jiruun tun mudhifanteerti; nuutille dhaggineerra, dhugaalle hin baana. Jiruu bara baraa ta Abbaa woliin turtee, nu'utti mudhifante tana isinitti hinna. Isinille nu woliin tokkummaa akka qabaattanuuf, waan dhagginee fi waan dhageenne isinitti hinna; tokkummaan teennalle Abba'aa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos woliin. Gammadi keenna guutuu akka te'uuf tana barreessina. Ergaan nuuti isa irraa dhageennee isinitti hinnu, “Waaqi ifa; dukkanti isa keessa ijjumaa hin jirtu” ta jettu tana. Waaqa woliin tokkummaa qanna jedhaa, dukkana keessa yoo deddeebine hin sonna; dhugaan nu keessa hin jirtu. Ammoo akkuma inni ifa keessa jiru, nuutille ifa keessa yoo deddeebine woli woliif tokkummaa qanna; dhiigi Ilma isaa ka Yesuusii, cubbuu teenna mara irraa nu qulleessa. Cubbuu hin qannu yoo jenne ifi sonna; dhugaalle nu keessa hin jirtu. Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama'aa fi qajeelaa waan te'eef cubbuu teenna nu'uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle'ee nu hin qulleessa. Nuuti cubbuu hunyee hin jirru yoo jenne, Waaqa dharaamessa goona; jechi isaalle nu keessa hin jiru. Ijoolle, akka isin cubbuu hin hunyeef tana isiniif barreessa; eennulle cubbuu yoo huje ammoo, wobii Abbaa biraa qanna; innille Yesuus Kiristoosii balchicha. Inni woreega gumaa cubbuu teennaa ti; cubbuu biyya lafaa duudi'iif malee, cubbuu teenna calla'aaf moti. Yoo ajaja isaatiif ajajanne, Waaqa beekiisa keenna hin beenna. Nami, “Ani isa beeka” jedhaa, ajaja isaatiif hin ajajanne dharaamessa; dhugaalle isa keessa hin jirtu. Nami jecha Waaqaatiif ajajamu ammoo, jaalalti inni Waaqaaf qabu guutu' u. Isaan jiraatuu keenna tanaan beenna. Nami “Waaqaan jiraadha” jedhu, akka Yesuus le'e le'uu qaba. Jaalota tiyya! Ani ka isiniif barreessaaru, ajajuma dullacha dur jalqabaa jalqaddanee isin qaddanu san malee, ajaja haareyaa moti. Ajaji dullachi jechuma isin dhageettane. Te'uu malee, dukkanti dabariisatti, ifi dhugichi ifiisatti waan jiruuf, Kiristoosii fi isin biratti dhugaa ka te'e, ajaja haareya isiniif barreessa. Nami, “Ani ifa keessa jira” jedhaa obboleessa ifii jibbu, ammalle dukkanuma keessa jira. Nami obboleessa ifii jaallatu ifa keessa le'a; wonni nama gufachiisulle isa keessa hin jiru. Nami obboleessa ifii jibbu ammoo dukkana keessa le'a, dukkana keessa ideema, dukkantille ila isaa waan qaddeef gara itti ideemiisatti jiruuyyu hin beeku. Ijoolle! Cubbuu teessaniif maqaa Kiristoosiitiin araarri waan kennameef isiniif barreessa. Abbooti'i! Ka jalqabaa jalqabee jiru waan beettaneertanuuf isiniif barreessa. Dargaggoota! Hamaalessa waan injifattaneef isiniif barreessa. Ijoolle! Abbaa waan beettaneef isiniif barreessa. Abbooti'i! Ka jalqabaa jalqabee jiru waan beettaneef isiniif barreessa. Dargaggoota! Jajjaba waan teetaneef, jechi Waaqaalle isin keessa waan jiruu fi Hamaalessa waan injifattaneef isiniif barreessa. Biyya lafaa yookiin waan biyya lafaa hin jaallatina'a; nama biyya lafaa jaallatu, jaalalti Waaqa Abba'aa isa keessa hin jirtu. Wonni biyya lafaa keessa jiru maraa: halchaan foonii, halchaan ilaatii fi waan qabanuun kooruun, biyya lafaa irraa dhutti malee, Waaqa Abbaa irraa hin dhuttu. Biyyi lafaatii fi halchaan isi'ii marti hin tarti; nami fedhii Waaqaa muumessu ammoo haga bara baraa le'a. Ijoolle! Sa'aatiin tun ta muumme'ee ti. Ka Kiristoos mormu akka dhufu kanaan duraa dhageettaneertan; ammumaayyuu worri Kiristoos mormu hedduun dhufeera. Maarre akka sa'aatiin muumme'ee geette nuuti tanaan beenna. Isaan nu keessaa bayane malee, keennaa moti; adoo keenna te'anee sila nu'uma woliin jiraataniiyyu. Isaan ammoo nu lakkisanee deemiisaan keenna te'uu dhabuu isaanii mudhisane. Isin ammoo Kiristoos Ayyaana Woyyichaan muudeera; waan maraa isin martinuu hin beettan. Isin dhugaa beekuu dhaddaneef adoo hin te'in, dhuga'aa fi dhugaa keessaa dharti akka hin baane waan beettanuuf isiniif barreessa. Yesuus Masiihii moti jedhee ka mormatu malee, dharaamessi eennu ree? Ka Abba'aa fi Ilma mormatu kun mormattuu Kiristoosii ti. Nami Ilma mormatu Abbaa hin fudhatu; nami Ilma dhugeessu Abbaalle hin dhugeessa. Wonni isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane gadhaa keessan keessa jiraattuu ti! Wonni isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane gadhaa keessan keessa yoo jiraatte, isinille Ilmaa fi Abba'aan hin jiraattan. Addiin inni nu'uuf kenne tun jiruu bara baraa ti. Marroo worra isin dokonkorsuutiif, ani tana isiniif barreessa. Ayyaanni isin Kiristoos irraa fudhattane ammoo isin keessa hin jiraata; inni waan isin barsiisuuf, eennulle akka isin barsiisuuf hin barbaachisu. Inni waan mara isin hin barsiisa; wonni inni barsiisulle dhuga'a, dharti keessa hin jirtu. Maarre akkuma Ayyaanni Woyyichi isin barsiisetti Kiristoosiin jiraadha'a! Yoona, ijoolle! Yennaa Kiristoos mudhatu sodaa malee akka jiraannuu fi guyyaa dhufa isaa akka hin fokkifanne isaan jiraadha'a! Akka inni balchaa te'e yoo beettane, nami balchumaa huju maraa ilma Waaqaa akka te'e hin beettan. Ijoollee Waaqaa jedhannee akka waammannuuf, Abbaan attam guddisee akka nu jaallate ilaala'a! Maarre nuutille ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa Waaqa waan hin beenneef, nu hin beettu. Jaalota tiyya! Nuuti ijoollee Waaqaa ti; duuba maan akka teenu haga ammaatitti beekkamee hin jiru. Te'uu malee yennaa Kiristoos deebi'ee dhufu akkuma inni jiruun waan isa dhagginuuf, akka isaa akka teenu hin beenna. Nami Kiristoositti addii tana qabu mara, akkuma Kiristoos qulqullichaa ifi hin qulqulleessa. Cubbuun seera balleessiisa waan teeteef, nami cubbuu huju mara seera Waaqaa balleessee yakka. Kiristoos cubbuu teenna balleessiisaaf akka dhufee fi ifii ammoo akka cubbuu hin qanne isin hin beettan. Nami Kiristoosiin le'u cubbuu hin huju; nami cubbuu huju isa hin dhaggine, yookiin isaa hin beenne. Ijoolle! Eennulle mee isin sobuu ti! Akkuma Kiristoos balchaa te'e, nami balchummaa huju balcha'a. Durriisi jalqabaa jalqabee cubbuu waan hujuuf, nami cubbuu huju maraa ilma Durriisaa ti. Ilmi Waaqaa hujii Durriisaa balleessiisaaf mudhate. Nami Waaqa irraa dhalate adabi Waaqaa isa keessa waan jiraatuuf cubbuu hin huju, hujiisaafille hin dande'u. Nami balchummaa hin hunyee fi nami obboleessa ifii hin jaallanne mara ka Waaqaatii moti; ijoolleen Waaqaatii fi ijoolleen Durriisaa kanaan gargar baafamanee beekkaman. Ergaan isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane, “Wol jaallatuu qanna” ta jettu tana. Akka Qaayinii te'uu hin qannu; inni ka hamaalessaa te'ee obboleessa ifii ijjeese. Inni maaf isa ijjeese? Hujiin isaa hantuu teetee, hujiin obboleessa isaa balchittii waan teeteef isa ijjeesse. Obboleeyyan tiyya! Kolbaan biyya lafaa yoo isin jibbite hin maadeffatina'a! Nuuti obboleeyyan teenna waan jaallanuuf du'a keessaa gara jiru'uutitti akka dabarre hin beenna. Nami nama hin jaallane du'a keessatti hafa. Nami obboleessa ifii jibbu, nama nama ijjeesse; nami nama ijjeese, jiruu bara baraa akka ifi keessaa hin qanne isinuu hin beettan. Kiristoos lubbuu ifii dabarsee waan nu'uuf kenneef, jaalalti maan akka teete tanaan beenna; nuutille lubbuu teenna dabarsinee obboleeyyan teennaaf kennuu qanna. Nami karra qabu tokko obboleessi isaa rakkatuun dhaggaa yoo gadhaa itti jabaate, attamiin jaalalti Waaqaa isa keessa jiraatti ree? Ijoolle! Dubbi'iin yookiin afaan calla'aan adoo hin te'in, huji'ii fi dhuga'aan wol jaallannuu ti. Nuuti ka dhuga'aa te'uu keennaa fi fuula Waaqaa dura ifi-addi'iin dhikaatu'uuf akka dandeennu tanaan beenna. Yennaa wodanaan keenna nutti muru maraa, Waaqi wodanaa keenna waan caaluuf, waan maraa beeka. Jaalota tiyya! Yoo wodanaan keenna nutti muruu dhabe, Waaqa duratti ifi-addii qanna. Nuuti ajaja Waaqaatiif waan ajajannuu fi waan isa gammachiisu waan hunyuuf, waan isa gaafanne maraa isa irraa hin fudhanna. Ajaji Waaqaa, Ilma isaa Yesuus Kiristoositti akka dhugeeffannuu fi akkuma inni nu ajaje akka wol jaallannu. Worri ajaja Waaqaatiif ajajamu Waaqaan le'a; Waaqille isaan keessa le'a. Ayyaana inni nu'uuf kenneen, akka Waaqi nu keessa jiru beenna. Jaalota tiyya! Ayyaana maraayyuu hin dhugeeffatina'a; raagoti dharaameyyiin hedduun gara biyya lafaa waan yaa'aneeranuuf, ayyaanni isaan qabanu Ayyaana Waaqaa akka te'e qorqora'aatii ilaala'a. Ayyaana Waaqaa kanaan beettan: Ayyaanni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugeessu maraa ka Waaqaa ti; ayyaanni akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe hin dhugeessine maraa ka Waaqaatii moti; inniin kun ka akka inni dhufu isin dhageettane, ayyaana Kiristoos mormu. Inni ammumaa biyya lafaa keessa jira. Ijoolle! Isin ka Waaqaati; ka isin keessa jiru ka biyya lafaa keessa jiru waan caaluuf, raagota dharaameyyii injifattaneertan. Raagoti dharaameyyiin ka biyya lafaa waan te'aneef, waan biyya lafaa dubbatan, biyyi lafaalle isaan dhageetti. Nuuti ka Waaqaa ti. Nami Waaqa beeku maraa nu dhage'a; nami ka Waaqaa hin te'in mara ammoo nu hin dhage'u. Kanaan Ayyaana dhugaamessaa fi ayyaana dharaamessa gargar baannee beenna. Jaalota tiyya! Jaalalti Waaqa irraa waan teeteef, kowa'a wol jallannaa! Nami jaallatu maraa ilma Waaqaa ti, Waaqalle hin beeka. Waaqi jaalala waan te'eef nami hin jaallanne maraa, Waaqa hin beeku. Akka nuuti jiruu isaan dhaggannuuf, Waaqi Ilma ifii tokkochuma san gara biyya lafaa ergiisaan, jaalala ifii nu'uuf mudhise. Jaalala jechuun kana: nuuti Waaqa hin jaallanne, inni ammoo nu jaallatee, Ilma ifii cubbuu teennaaf woreega guma'aa akka te'uuf erge. Jaalota tiyya! Waaqi akkana yoo nu jaallate, nuutille wol jaallatuu qanna. Eennulle Waaqa ijjumaa hin dhaggine; yoo wol jaallanne Waaqi nu keessa hin jiraata, jaalalti isaalle nu keessatti guutuu teeti. Inni Ayyaana ifii irraa waan nu'uuf kenneef, nuuti isa keessa, innille nu keessa akka jiraatu hin beenna. Abbaan Ilma ifii Fayyisaa biyya lafaa godhee akka erge nuuti dhaggineerra, dhugaalle hin baana. Yesuus Ilma Waaqaa akka te'e nami dhugeessu maraa, Waaqi isa keessa, innille Waaqa keessa hin jiraata. Nuuti jaalala Waaqi nu'uuf qabu beennee, dhugeeffanneerra. Waaqi jaalala; nami jaalalaan jiraatu Waaqaan jiraata, Waaqille isaan jiraata. Biyya lafaa tana irratti akkuma Kiristoos le'e waan leeneef guyyaa mura'aa ifi-addii hin qabaanna; akka kanaan jaalalti Waaqaa nu keessatti guutanteerti. Jaalala keessa sodaan hin jirtu; jaalalti guutuun sodaa baattee gatti; sodaan adabama woliin waan wol qabatteertuuf, nami sodaatu jaalalti isaa guutu'uu moti. Waan Waaqi dursee nu jaallateef nuutille hin jaallanna. Eennulle “Ani Waaqa hin jaalladha” jedhaa, obboleessa ifii ammoo yoo jibbe, inni dharaamessa; obboleessa ifii ka ilaan dhaggu ka hin jaallanne, Waaqa ilaan hin dhaggine jaallatuu hin dande'u. Nami Waaqa jaallatu, obboleessa ifiille jaallatuu qaba, ajaja jedhu Kiristoos nu'uuf kenneera. Yesuus Masiihii akka te'e nami dhugeeffatu maraa ilma Waaqaa ti; nami Abbaa jaallatu, ilma isaalle hin jaallata. Waaqa yennaa jaallannuu fi ajaja isaatiif ajajannu, ijoolle Waaqaa jaallachuu keenna tanaan beenna. Waaqa jaallachuu jechuulle ajaja isaatiif ajajamiisa; ajaji isaalle ulfaata'aa moti. Sababille nami Ilma Waaqaa te'e maraa biyya lafaa hin injifata. Hunni nuuti ittiin biyya lafaa injifannu tunille, dhugeeffannaa teenna. Eentu biyya lafaa injifatuu dande'a? Yesuus Ilma Waaqaa akka te'e nama dhugeeffatu calla'atti biyya lafaa injifatuu dande'a. Ka bisaan cuuphama isaa akeekuu fi dhiiga du'a isaa akeekuun dhufe kun Yesuus Kiristoos. Inni bisaanii fi dhiigaan dhufe malee, bisaan calla'aan hin dhunne. Ayyaanni dhugaa waan te'eef, Ayyaanni ifiifuu tun dhugaa akka teete dhugaa baya. Dhugaa baatoti sadi jiran; isaanille Ayyaana, bisaanii fi dhiiga; isaan sadiin kun wolii galan. Nuuti dhugaa baya namaa hin dhugeeffanna; dhugaa bayiisi Waaqaa ammoo, tana caalti. Dhugaan Waaqaa tun ta inni Ilma ifiitiif dhugaa baye. Nami Ilma Waaqaatitti dhugeeffatu, dhugaa baya tana ifi keessaa qaba; nami Waaqa hin dhugeeffanne ammoo, dhugaa baya Waaqi Ilma ifiitiif baye dhugeeffatiisa waan dhabeef, Waaqa dharaamessa godheera. Dhugaan inni baye tana: Waaqi jiruu bara baraa nu'uuf kenneera, jiruun tun Ilma isaa keessa jirti. Nami Ilma Waaqaa qabu jiruu qaba; nami Ilma Waaqaa hin qanne jiruu hin qabu. Isin worri maqaa Ilma Waaqaatitti dhugeeffattannu, jiruu bara baraa akka qaddannu akka beettanuuf, ani tana mara isiniif barreessa. Waaqa dura dhikaatiisaaf ifi-addiin nuuti qannu tana: waan mara akka fedha isaa yoo isa gaafanne inni nu hin dhage'a. Waan isa gaafannu mara akka inni nu'uu dhage'u yoo beenne, yennaa isa gaafannu mara akka fudhannu hin beenna. Eennulle obboleessi isaa cubbuu du'atti [bara baraatitti] isa hin geessine hujuun yoo dhagge, isaaf daadimatuuti. Waaqi jiruu bara baraa nama saniif hin kenna. Tun worra cubbuu du'a [bara baraatitti] isaan hin geessine hujane calla'aaf teeti. Cubbuun du'a [bara baraatitti] nama geessittu jirti, ta akkanaatiif daadimadhu isaan hin jedhu. Balleessaan marti cubbu'u; ammoo cubbuun du'a [bara baraatitti] nama hin geessine jirti. Ijoolleen Waaqaa cubbuu hujaa hin teettu; Ilmi Waaqaa waan isaan tissuuf Hamaalessi isaan miidhu'uuf hin dande'u. Nuuti ijoollee Waaqaa akka teenee fi biyyi lafaa duudiin hunna Hamaalessaa jala akka jirtu hin beenna. Ilmi Waaqaa dhufee Waaqa dhugaamessa akka beennuuf, hubantii akka nu'uuf kenne hin beenna. Nuuti Waaqa dhugaamessaa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos keessa leena. Waaqi dugaamessi kana, jiruun bara baraalle tana. Ijoolle tiyya, waaqota daraameyyii irra ifi eeggadha'a! Ana jaarsa biraa, giittittii filatantee fi ijoollee isi'iitiif, ani dhugumaan isin jaalladha, ana calla'aa moti, ammoo worri dhugaa beeku duudiinuu isin jaallata. Sababille dhugaan nu keessa jirtu tun haga bara baraa nu woliin hin jiraatti. Badhaadhi, arjumma'aa fi nageenni, Waaqa Abba'aa fi Yesuus Kiristoosii Ilma Abba'aa biraa, dhuga'aa fi jaalalaan nu woliin jiraatuu ti. Akkuma Abbaan nu ajajetti, ijoollee teeti keessaa gariin dhuga'aan jiraatanuun dhaggiis guddoo na gammachiiseera. Ammalle giitti'i! Akka wol jaallannuuf, ajaja jalqabaa jalqannee qannu san si yaadachiisiisaaf malee, ajaja haareya si'iif barreessiisaaf moti. Jaalala jechuun ajaja Waaqaatiif ajajamiisaan le'iisa. Akkuma isin martinuu jalqabaa jalqaddanee dhageettane, ajaji isaa akka jaalalaan leetanu. Akka Yesuus Kiristoos fooniin gara biyya lafaa dhufe worri dhugaa hin baanne, worri nama dokonkorsanu hedduun gara biyya lafaa bayaneeran. Eennulle nami akkasii nama nama dokonkorsuu fi nama Kiristoos mormu. Gatii guutuu akka dhaggattanu malee, gatii waan hujjanee akka hin dhanne ifi eeggadha'a! Nami barsiisa Yesuusiitiin hin jiraannee fi irraa goree deemu mara Waaqa hin qabu; nami barsiisa Kiristoosii qabatee ittiin jiraatu mara ammoo Abba'aa fi Ilma qaba. Barsiisa kana adoo hin qabatin eennulle gara keessan yoo dhufe, mana keessanitti isa hin fudhatina'a! Nageyalle hin fuudhina'a! Nami nageya isa fuudhu, hujii isaa hantuu san qoodama. Waan isiniif barreessu waan heedduu qaba; te'uu malee woraqataa fi hallu'uun isiniif barreesiisaaf hin barbaadu; ammoo gammadi keenna guutuu akka te'uuf, gara keessan dhufee ilaan wol dhagginee, isin woliin haasowiisaaf addii qaba. Ijoolleen obboleettii teeti filatantu'uu nageya si'iif dhaamti. Ana jaarsa biraa, jaala kiyya ka ani dhugumaan jaalladhuuf: jaala kiyya! Akkuma lubbuun teeti tolte, akka fayyaa teetuu fi wonni maraa si'iif tolu hin daadimadha. Obboleeyyan gariin dhufanee dhuga'aaf addatamu'uu fi dhuga'aan jiraachuu keeti yennaa anatti himane ani guddoo gammade. Ijoolleen tiyya dhuga'aan jiraachuu isi'ii dhage'iisaan irra wonni na gammachiisu hin jiru. Jaala kiyya! Obboleeyyan si'iif keessummaa haareya te'anulle, ati isaan addatamaan hin qarqaarta. Isaanille marroo jaalala keetii wolde'a kiristaanaatitti himaneeran; karaa Waaqa gammachiisuun deemsa isaaniitiifille isaan qarqaartee yoo geegessite waan dansa'a. Isaan Kiristoos tajaajiliisaaf yennaa bayane, worra dhugeeffattoota hin te'in irraa womaa hin fudhane. Nuuti hujii dhuga'aa tana worra qoodamu akka teenuuf namoota akkasii kana qarqaaruu qanna. Ani wolde'a kiristaanaatiif xalayaa barreesseera; Diyotreefesiin sooressa te'iisaaf barbaadu ammoo yaada kiyya hin fudhanne. Maarre ani yoo dhufe, dharaan nu hamataa hantuu inni hujaa ture maraa dubbadha; tunille isa gewuu dhaddee obboleeyyan fudhata dida. Worri dhibille akka isaan hin fudhanne dhooggee, wolde'a kiristaanaa keessaa isaan baasa. Jaala kiyya! Waan dansaa fakkaadhu malee waan hamaa hin fakkaatin. Nami waan dansaa huju ka Waaqaa ti; nami waan hamaa huju Waaqa hin dhaggine. Nami maraa dansaa Demeexroosii dubbata; dhugaalle dansaa isaa dubbatti. Nuutille dansaa isaa hin dubbanna; dhugaa bayiis keenna dhugaa akka teete ati hin beetta. Waan si'iif barreessu waan hedduu qaba; ammoo feeni'ii fi hallu'uun si'iif barreessiisaaf hin barbaadu. Dhiko'otuu akka si dhaggu hin addadha; yennaa san ilaan wol dhagginee hin haassonna. Nageenni si'iif te'u. Jaaloti teeti nageya si'iif dhaaman. Jaalota teennatti tokkuma tokkoon nageya nu'uuf him. Ana Yihudaa garbicha Yesuus Kiristoosii, obboleessa Yaaqoobii biraa, isin worra waamantanee, Waaqa Abba'aan jaallatantanee, Yesuus Kiristoosiin tiffantaneef: marartiin, nageennii fi jaalalli isiniif fakkanu. Jaallota tiyya! Marroo fayyinna woliin qoodannuu isiniif barreessiisaaf ani guddoo barbaadeeraayyu; amma ammoo marroo dhugeeffannaa yennaa takka'atti yennaa maraaf Waaqi kolbaa ifiitiif kennee, jabaattanee akka falmattanu isin gorsiisaaf barreessuun, barbaachisaa te'ee natti dhage'ameera. Worri Waaqa hin sodaanne gariin, dhokaataan luuxanee wodhakaa teenna seenaneeran. Isaan worra badhaadha Waaqa keennaa akka fedhane le'iisatti jijjiiranuu fi Yesuus Kiristoos callaan bulcha'aa fi Goottaa akka te'e mormanu. Akka isaanitti muramu yennaa heddu'uun duraa barreeffameera. Waan kana maraa isin duruu beettan, te'uu malee, akka Goottaan kolbaa ifii biyya Gibxii keessaa baasee fayyissee fi worra isatti hin dhugeeffatinille duuba irra akka balleesse isin yaadachiisu'uuf barbaada. Akkasuma ergantoota Waaqaa ta baallii isaanii kennante irra dabaranee, addee tee'anu gad lakkisane qaabadha'a! Waaqi wodaroo sibiilaa ta hidhaa bara baraatiin dukkana keessatti hidhee, haga guyyaa muraa guddo'oo isaan eegaa turseera. Akkasuma worri qachoota Sodoomiitii fi Gomora'aa, worri qachoota adaala saniille sagaagaltuu te'anee, seera dadamaatiinille ala sagaagalane. Isaan worra ibidda bara baraatiin adabamiisaan rakkatuuf fakkeenna te'aneeran. Akkasuma, worri kun oojjuu ifii hordofiisaan nafa ifii batteessan; baallii Waaqaalle hin tuffatan, worra ol-gubba'atti ulfinna qabulle hin arrassan. Mikaa'eliin angafi ergantoota Waaqaatuu, yennaa reeffa Muse'ee irratti Seexanaan wol mormane, “Goottaan si xixu” jedhe malee, arrassee itti muriisaaf itti hin gamne. Namooti kun ammoo waanuma hin hubanne arrassan; akka bineensota wo yaadanee gargar hin baannee, wonni isaan duuddittii yaada dhalootaatiin beekanu kun waan isaan balleessu. Isaaniif aanne'e! Isaan karaa Qaayiniititti goraneeran; adoo beese'eef joljolanuu dokonkora Bala'aamii keessa galaneeran; akkuma Qoraahii finqilanee badane. Jarri tun fokkoo malee isin woliin nyaatiisaan jila jaalalaa keessan batteessan. Isaan gadhaa ifii calla'aaf yaadan; isaan akka duumensa bokkeya ifi keessaa hin qannee, ka qilleensaan oofamuu ti. Isaan akka muka yennaa midhaan buusu'uu maletti midhaan buusuu dhabee, hiddaan buqqa'ee gogee killi jedhee ti. Isaan akka danbalii abbaayaa guddo'oo, hoomacha fokkoo ifii hoomachowaa, akka urjii taattottee ta addeen dukkana duudduu bara baraa isi'ii qophoottee ti. Addaamii jalqabee dhaloota torbeesso'oo ka te'e Heenok, marroo namoota kanaatiif raagee, “Kunoo, Goottaan nama duudii irratti muriisaaf woyyoota ifii bindillaa woliin hin dhufa. Inni hujii badduu worri Waaqa hin sodaanne hujee fi dubbii arrabaa ta cubbaaleyyiin Waaqa hin sodaanne isa irratti dubbatte maraaf itti hin mura” jedhe. Namooti kun yennaa mara worra gungumanuu fi worra namoota dhibii komatanu; isaan halchaa badduu ifii hordofan, ifi hin jajan, bu'aa ifiitiif jedhanee kolbaa sobanee saadan. Jaalota tiyya, isin ammoo dubbii ergantooti Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii tanaan dura dubbatte qaabbadha'a! Isaan isiniin, “Bara muumme'eetitti worri Waaqa hin sodaanne worri halchaa badduu ifii hordofu, worri shasheessu hin dhufa” jedhaneeran. Worri kun worra isin gargar qoodu, worra Ayyaana Woyyicha hin qanne, worra duudditii halchaa ifii ta biyya lafaa gula yaa'u. Jaalota tiyya, isin ammoo dhugeeffannaa teessan ta waan duudi'iin irra woyyittii teete irratti dhaabbadha'aatii jabaadha'a! Hunna Ayyaana Woyyichaatiin daadimadha'a! Marartiin Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, ta gara jiruu bara baraatitti isin geessitu eeggataa, jaalala Waaqaa keessatti ifi eega'a! Worra mama qabuuf marartii qabaadha'a! Worra kaan ibidda keessaa buta'aa baasa'aatii hanbura'a! Worra kaan worra uffanni isaanii foon cubbama'aan battoyelle jibbaa, soda'aan marara'aaf! Akka isin hin jinne isin tissiisaa fi komatama malee, gammadaan ulfinna ifii dura isin dhikeessiisaaf ka dande'u, Waaqa fayyisaa keenna tokkochaaf, karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, ulfinni, guddinni, hunnii fi baalliin bara durii mara duraan jalqabee, bara ammaatii fi haga bara baraa isaaf te'u! Ameen. Mudhiin Yesuus Kiristoosii, ta akka inni waan dafee te'uu qabu tajaajiltoota ifiititti mudhisuuf Waaqi itti kenne tana; Yesuusille ergamaa Waaqaa ergee tajaajilaa ifii Yohaannisitti waan kana beessise. Yohaannisille marroo Jecha Waaqaatii fi marroo dhugaa baya Yesuusiitiif waan dhagge mara dhugaa baye. Barri waan dhiyaateeruuf, dubbii raagaa tana nami dubbisu, worri dhage'uu fi worri waan keessatti barreeffame eeggatu ka badhaadhe. Ani Yohaannis, wolde'oota kiristaanaa torba ka lafa Asiyaa keessa jirtanuuf, badhaadhii fi nageenni Waaqa amma jiru, ka duri jiru, ka dhufu'uu jiru biraa, ayyaanota torba ka barcumaa mootummaa isaa dura jiranu biraa, Yesuus Kiristoosii dhugaa-bayaa addatamaa, ka worra du'e keessaa angafa te'ee kaafamee fi bulchaa mootota lafa tanaa te'e biralle'ee isiniif te'u jedha. Ka nu jaallatee cubbuu teenna jalaa dhiiga ifiitiin bilisa nu baasee, Waaqa Abbaa isaa akka tajaajilluuf mootumma'aa fi hayyoota ka nu godheef, ulfinnii fi hunni bara baraa, haga bara baraa teetu! Ameen. Kunoo, inni duumensaan dhufaara, ilti marti isa hin dhaggiti, worri isa woraaneeyyuu hin dhagga; kolbaan lafa irraa marti sababa isaatiin hin booyan. Ee! Akkasuma hin teet. Ameen. Waaqi Goottaan amma jiru, ka durille jiru, ka dhufu, ka waan duudii dande'u, “Alfa'aa fi Omeegaan Ana” jedha; [akkasi jechuun ani ka duraatii fi duubaati jechu'u]. Ani obboleessi keessan Yohaannis, ka waa'ela keessan te'ee Yesuusiin rakkinna, mootumma'aa fi ciniinnatanee ossiisa qoodame, marroo Jecha Waaqaatii fi marroo dhugaa-bayiisa Yesuusiitiif oddoola Phaaximoo jedhantu keessa jiraayyu. Guyyaa Gootta'aa, ani Ayyaana Waaqaatiin jiraayyu; qoonqoo guddoo ta akka tultulla'aa ifi duubatti dhage'e. Qoonqoon sun, “Waan dhaggitu kitaaba mara'aatitti barreesiitii, wolde'oota kiristaanaa torba ka qachaa Efesoonii, ka qachaa Simiirnaa, ka qachaa Phergamoonii, ka qachaa Tiyaatiraa, ka qachaa Saardesii, ka qachaa Filaadelfiya'aatii fi ka qachaa Laa'odiiqeya'aa keessa jiruuf ergi!” naan jette. Anille qoonqoo anatti dubbatiisatti jirtu ilaaliisaaf ifi irra garagale; yennaa ifi irra gara gale waan issaan irra keyamu torba ka worqi'iin hujame dhagge; waan issaan irra keyamu oddu'ulle'etti waan ilma namaa fakkaatu tokko dhagge; inni uffanna dheeraa hirba bira geyu uffatee, hidhata worqi'iitiin qoma ifii hidhateera. Mata'aa fi rifeensi isaa adii akka rifeensa hoolee adi'iitii fi adii akka dhakaa bokkeyaa ti; ilti isaalle akka bobe'a ibidaa fakkaatti. Miilli isaa akka sageettuu dhiillee boolla ibidaa keessatti finiintee morodantee ittuu ti; qoonqoon isaallee akka shookkesa gootuu bisaaniiti. Harka middichaan urjoota torba qabateera; afaan isaa keessaa goraadee qara lamaa ta qarantetti baati; fuulli isaalle akka aduu orra'aa ifa. Yennaa isa dhagge akka nama du'ee te'ee miila isaa jallatti jige. Inni ammoo harka ifii middicha ana irra keyee, “Hin sodaatin! Ka duraatii fi duubaalle ana; ani Jiraata'a; ani du'eeraayyu, amma ammoo baraa haga bara baraa jiraadha; furtuun du'aa fi balbala addee worri du'e jiru bantu harka kiyya jirti. Maarre waan dhaggite, waan amma jiruu fi waan kanaan duuba te'u barreessi. Hiikkaan dhossaa urjoota torbaatii fi wonna issaan irra keyamuu ka worqi'iin hujame torbaa, ka ati harka kiyya middichatti dhaggitee kana: Urjooti torba ergantoota Waaqaa ta wolde'oota kiristaanaa torbaa ti; wonni issaan irra keyamu ka worqi'iin hujame torba, wolde'oota kiristaana torba. “Ergamaa wolde'a kiristaana Efesooniitiif akkas jedhii barreessi: Urjoota torba ka harka middichaan qabateeru, waan issaan irra keyamu ka worqi'iin hujame torbaanuu odduu ka deddeebi'u akkana jedha: Hujii teeti, itti dadhabuu keetii fi ciiniinnattee ossatuu keeti beekeera. Worra hamaa cadhittee akka ati hin lakkinne, worra ergantoota adoo hin te'in ‘Nuuti ergantoota’ ifiin jedhanu qortee ilaaltee sobaalleyyii akka te'ane akka dhaggitelle ani hin beeka. Ciniinnattee ossattee, maqaa kiyyaaf rakkinna fudhattee, tana mara akka ati hin dadhabin ani hin beeka. Te'uu malee, waan si ciicadhu qaba; sunilleen, jaalala duri qaddu lakkiteerta. Yoona maan irraa akka jidde yaadadhu! Cubbuu irraa deebi'iitii hujii duri hujju huji! Yoo cubbuu irraa hin deebi'in, ani sitti dhufee waan issaan keeti irra keyamu addee isaatii fuudha. Ammoo waan dansaa kana qadda: Hujii Niqolaawotaa ta ani jibbu atille hin jibbita. “Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti! Nami injifatu, muka jiruu kennu ka fichaa Waaqaa keessa jiru irraa akka nyaatu hin tolcha. “Ergamaa wolde'a kiristaana Simiirnaatiif akkas jedhii barreessi: Ka duraatii fi duuba, ka du'ee, deebi'ee jiraataa te'e akkasi jedha: Rakkinnaa fi hiyyummaa teeti hin beeka; te'uu malee ati dureessa. Yihudoota adoo hin te'in nuti Yihudoota ifiin jedhaa worra maqaa keeti balleessu ani hin beeka; isaan wolde'a Seexanaa ti. Rakkinna sitti dhufaaru hin sodaatin. Kunoo, Seexanni isin hag ilaaliisaaf, isin keessaa garii mana hidha'aatitti hin galcha; guyyaa kudhan hin rakkatan. Haga du'aatitti ka addatante te'i; anille kallacha jiru'uu si'iif hin kenna. “Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'ota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti! Nami injifatu du'a lammeesso'ootiin hin miidhamu. “Ergamaa wolde'a kiristaana Phergamooniitiif akkasi jedhii barreessi: Ka goraadee qara lamaa, ta qarante qabu akkas jedha: Addee barcumaan mootumaa Seexanaa jiru akka ati leetu ani hin beeka; te'uu malee maqaa kiyya jabeessitee qabateerta. Bara dhugaa-bayaan addatamaan kiyya Antiiphaas qachaa keessan ka Seexanni keessa le'u keessatti ijjeefamelle, dhugeeffannaa ana irratti qaddu hin mormanne. Te'uu malee waan si irratti ciicadhu waan diqqaa qaba: Ijoolleen Israa'elii sagalee waan Waaqa hin te'iniif woreegante akka nyaattuu fi akka sagaagaltu gufuu dura keyiisaaf, barsiisa Bala'aamii ka Baalaq barsiise worri hordofu isin keessa jira. Akkasuma barsiisa worra Niqolaawotaa worra hordofulle qadda. Tanaaf cubbuu irraa deebi'i; yoo akkas hin te'in, ani ariifadhee dhufee, goraadee afaan kiyyaatiin isaan hin lola. “Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'ota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti! Nama injifatuuf sagalee mannaa jedhantu ta dhokatteertu hin kennaaf. Akkasuma dhakaa adii ka maqaan haarenni irratti barreeffameeru, ka nama fudhatu san malee ennulle hin beenne hin kennaaf. “Ergamaa wolde'a kiristaana Tiyaatira'aatiif akkas jedhii barreessi: Ilmi Waaqaa, ka ilti isaa bobe'a ibiddaa fakkaattu, ka miilli isaalle sageettuu dhiillee morodante fakkaatu akkas jedha: Hujii teeti, jaalala keeti, dhugeeffannaa teeti, tajaajilaa fi ciniinnatee ossatuu keeti ani hin beeka; akkasuma hujiin teeti ta qaraa ta ammaa akka caaltu ani hin beeka. Te'uu malee waan si irratti ciicadhu qaba: Dubartii Izaabel jedhantu ta ifiin, ‘Ani raaddu'u’ jettu cadhittee itti lakkiteerta. Isiin barsiisa ifiitiin akka tajaajiltooti tiyya sagaagaltuu fi sagalee waaqa dharaatiif woreegante akka nyaattu dokonkorsiti. Akka isiin cubbuu sagaagalumma'aa irraa deebituuf yennaa isi'iif kenneeraayyu; isiin ammoo deebi'uu didatte. Maarre ani akka isiin dhukkuffattee taqee irra ciittu godha, worri isii gaarayyeeffatulle hujii isi'ii hantuu irraa yoo hin deebi'in, ani rakkinna guddaa itti fida. Ijoollee isi'iille hin ijjeesa; kanaan wolde'ooti kiristaanaa duudiin, ka yaadaa namaatii fi gadhaa namaa qorqoru ana akka te'e hin hubatan. Tokko tokkoo keessaniifuu akkuma hujii keessaniititti isiniif hin kenna. “Tiyaatiraa keessatti, isin worra barsiisa isi'ii hin hordofinii fi ‘Dhossaa guddoo Seexanaa’ ta jedhante worra hin baratin hattaneen ammoo, waan jedhu: Ba'aa dhibii isin irratti hin fe'u; haga ani dhufutti woma qaddanu san jabeessa'aa qabadha'a. Akkuma ani abbaa kiyya biraa baallii fudhadhe, nama injifatuu fi nama hujii tiyya haga muumme'eetitti hujuuf, gosa mara irratti baallii hin kennaaf; innille, ulee bokku'uu ta sibiilaatiin gosa san hin bulcha; akka okkotee faaraalle isaan caccasee butucha. Bakkalcha bari'iille ani isaaf hin kenna. Nami gurra qabu waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti! “Ergamaa wolde'a kiristaana Sardeesiitiif akkas jedhii barreessi: Ayyaanota Waaqaa torbaa fi urjoota torba ka harkatti qabateeru akkas jedha: Hujii teeti hin beeka; maqa'aan hin jirta, ammoo duuteerta. Maarre dammaqi! Waan hafe ka du'a geyeeru jabeessi! Hujiin teeti Waaqa kiyya duratti guutuu teeteertuun hin dhaggine. Yoona, waan fudhattee fi waan dhageette qaabbadhu; ajajamiif, cubbuu irralle'ee deebi'i. Yoo dammaquu dhadde ammoo akka hattu'uu sitti dhufa; sa'aatii tam akka ani sitti dhufulle hin beettu. Te'uu malee, qachaa Saardeesii keessa namooti diqqaan ka woyaa ifii hin xureessin si woliin jiran. Waan isaanii male waan te'eef, isaan woyaa adii uffatanee ana woliin hin ideeman. Nami injifatulle akkuma isaanii woyaa adii hin uffata; anille Abbaa kiyyaa fi ergantoota isaa duratti dhugaa hin bayaaf; maqaa isaalle kitaaba jiru'uu keessaa hin haqu. “Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti. “Ergamaa wolde'a kiristaana Filaadelfiya'aatii akkasi jedhii barreessi: Woyyichaa fi dhugaamessa ka te'e, ka furtuu Daawwitiille harkatti qabateeru, ka waan inni cufe eennulle banuu hin dandeenne, ka waan inni banelle eennulle cufuu hin dandeenne akkasi jedha: Ani hujii teeti hin beeka. Akka ati hunna diqqoo qaddu hin beeka; te'uu malee, dubbii tiyya eeggateerta; maqaa kiyyalle hin mormanne. Kunoo, balbala banante ta eennulle cufu'uuf hin daandeenne si dura keyeera. Worri Yihudoota adoo hin te'in nuuti Yihudoota ifiin jedhu, worri dharaammeyyiin, worri wolde'a Seexanaa te'e, gara keeti dhufee miila keeti jalatti akka sagadu, akka ani si jaalladhelle akka beekanu hin tolcha. Ciniinnattee akka ossattuuf ajaja ani kenne waan eeggatteef, anille sa'aatii haga ilaalchaa, ta worra lafa irra le'u haga ilaaliisaaf biyya lafaa duudii irratti dhuttu irraa si eega. Ani ariifadhee hin dhufa. Eennulle kallacha keeti akka hin fudhanne waan qaddu jabeessii qabadhu. Nama injifatu Galma Waaqa kiyyaa keessatti utubaa tolcha; ijjumaa keessaa hin bawu. Maqaa Waaqa kiyyaa, maqaa qachaa Waaqa kiyyaa ka Yerusaalemii haareya Waaqa kiyya biraa ol-gubba'aa gadi buutuu, maqaa kiyya haareyalle isa irratti hin barreessa. “Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti. “Ergamaa wolde'a kiristaana Laa'odiiqeya'aatii akkas jedhii barreessi: Ka “Ameen” jedhamu, ka dhugaa-bayaa addatama'aa fi dhugaamessa te'e, ka madda dadaa Waaqaa te'e akkas jedha: Ani hujii teeti hin beeka; ati o'aa yookiin qabbanowa'aa moti. O'aa yookiin qabbanowaa adoo teetee jiraate sila hin jaalladhaayyu. Ati ammoo bulluqowa'a malee, o'aa yookiin qabbanowaa waan hin te'iniif, afaan kiyya keessaa si tufaara. “Ati, ‘Ani dureessa, ani quufaleessa, womaa anaaf hin barbaachisu’ jetta; ammoo, ati deegaa, naassisaa, hiyyeessa, balla'aa, fi nafa-qullaa akka ka jirtu akka teete ifi hin beettu. Maarre akka duroontuuf, worqii ibiddaan qulqulloonte akka bitatu, nafi-qullaan fokkisiisu akka hin mudhanneef woyaa adii akka bitattu, dhaggiisaafille akka dandeettu qorsa ilatti buufattu akka ana irraa bitattu si gorsa. Ani worra jaalladhu duudii hin xixa, hin adaballe'e. Tanaaf jabaadhu, cubbuu irralle'ee deebi'i. Kunoo, ani balbala dura dhaabbadhee balbala dhodhowa; eennulle qoonqoo tiyya dhage'ee yoo balbala anaaf bane, ani seenee isa woliin nyaadha, innille ana woliin nyaata. Akkuma ani injifadhee Abbaa kiyya woliin barcumaa mootummaa isaa irra tee'e, nami injifatulle ana woliin barcumaa mootummaa tiyyaa irra akka tee'u hin tolcha. “Nami gurra dhage'u qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uuti!” jedha. Kanaan duuba ani ilaalee, ol-gubba'atti balbala banante dhagge. Qoonqoon tanaan dura akka tultulla'aa anaan dubbattuun ani dhage'e, “Asi koy, waan kanaan duuba te'u ani sitti mudhisa!” jette. Anille yoosuma Ayyaanaan jiraayyu; kunoo, ol-gubba'atti barcumaan mootumma'aa keyameera, barcumaa mootumma'aa san irra ka tee'eerutti jira. Ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru sunille, akka dhakoota Yaasiphisiitii fi Saardiyonii ka gatiin guddo'oo, calaqqisee mudhata. Adaala barcumaa mootumma'aa san hiituun Waaqaa ta akka dhakaa gatiin guddo'oo ka Simaaragidoos jedhamuu fakkaattu jirtiiyyu. Adaala barcumaa mootumma'aa san, barcumaan mootumma'aa diddamii afur jiraayyu; isaan san irralle maanguddoon diddamii afur woyaa adii uffatanee, kallacha worqi'iin hujame keyatanee tetee'aneeraniiyyu. Barcumaa mootumma'aa san keessaa ifi balaqqeetti'ii, qoonqo'oo fi gikkeessi mandiisu'uu baye. Barcumaa mootumma'aa san fuula duratti ifi torba ifiisatti jiraayyu; isaan sunille Ayyaanota Waaqaa torba. Akkasuma, barcumaa mootumma'aa san fuula dura abbaayaan daaw'iti'ii, qulqulluun cabbii fakkaattu jirtiiyyu. Oddu'uu fi adaala barcumaa mootumma'aa, dadaan lubbuu qaddu arfan ta duraa fi duubaan ila hedduu qaddu jirtiiyyu. Dadaan lubbuu qaddu ta qaraa neenqa fakkaatti; ta lammeesso'oo qotiyyoo fakkaatti; ta sadeesso'oo fuula fuula namaa fakkaatu qaddi; ta arfeesso'oo risaa koolaan ka'u fakkaatti. Dadaan lubbuu qaddu arfanuu koola jaan jaan qaddi; keessaa fi gubba'alleen ila hedduu qaddi. Halkanii fi guyyaa adoo hafuura hin fudhatin, “Goottaan Waaqi waan mara dande'u, ka duri jiru, ka amma jiruu fi ka dhufu, Woyyicha, Woyyicha, Woyyicha!” jedhaa faarfatti. Yennaa dadaan arfanuu, ka barcumaa mootumma'aa irra te'eeruu fi ka haga bara baraa jiraatuuf ulfinna, guddinna fi galata kennitu maraa, manguddooti diddamii afur, ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru duratti jiganee, ka haga bara baraa jiraataa te'e le'uuf sagadaaraniiyyu; kallacha ifiille barcumaa mootumma'aa dura keyanee, “Ati waan mara waan daddeef, isaaniille fedha keetiin waan dadamanee fi waan jiraataneef, Waaqa Goottaa keenna, ulfinna, guddinnaa fi baallii fudhatuu qadda” jedhiisatti jiraniiyyu. Achiin duuba ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru, kitaaba mara'aa ka keessaa fi gubbaa barreeffamee, chaappaa torbaan dhowameeru harka middichaan qabateeruun dhagge. Ergamaan Waaqaa jabaan tokko qonqoo guddo'oon, “Ka chaappaa irraa rigee kitaaba mara'aa san banu'uu male eennu?” jedhaa lallabuun dhagge. Te'uu malee ol-gubbaa keessa yookiin lafa irra, lafaan jalalle, ka kitaaba mara'aa san banee keessa isaa ilaaluu dande'u tokkolle hin jiruuyyu. Ka kitaaba mara'aa san banee keessa isaa ilaalu'uu male waan hin jirreef, ani laalleffadhee booye. Achiin duuba maanguddoota keessaa tokkochi, “Hin booyin! Kunoo, neenqi gosa Yihuda'aa, sanyiin Daawwitii injifateera; inni kitaaba mara'aa san baniisaa fi chaappaa torbaanuu irraa rigiisaaf hin dande'a” naan jedhe. Achiin duuba, ka Hoolicha qalame fakkaatu tokko, dadaa lubbuu qaddu afurii fi maanguddootaan naanneffamee, odduu barcumaa mootumma'aa dhaabbateeruun dhagge. Hoolichi sun gaafa torbaa fi ila torba qaba; isaaniille Ayyaanota Waaqaa torba ka gara lafa duudi'ii ergamane. Hoolichi sun dhufee, harka middicha ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru irraa kitaaba mara'aa san fuudhe. Yennaa inni kitaaba mara'aa san fuudhe, dadaan lubbuu qaddu afurii fi maanguddooti diddamii afur Hoolicha san fuula duratti gad laffatti jigane; tokkoon tokkoon isaanii waan daadimata kolbaa Waaqaa te'e kiraara gudda'aa fi girgiraa worqi'iin hujame ka hixaanaan guutame qabataneeraniiyyu. Isaan faaruu haareya faarfataa, “Ati kitaaba mara' aa san fudhatiisaaf, chaappota irraa rigiisaafille ka malte; sababille ati qalantee, dhiiga keetiin gosa maraa keessaa, afaan maraa keessaa, kolbaa maraa keessaa, sanyii nama maraa keessaa, namoota Waaqaaf woddeerta. Waaqa keennaaf, akka isaan mootumma'aa fi hayyoota te'anu gooteerta; isaaniille lafa irratti hin mooyan” jedhane. Kanaan duuba ilaalee, qoonqoo ergantoota heddu'uu dhage'e; laakkossi isaaniille kuma heddu'uu fi miloona heddu'u. Isaan adaala barcumaa mootumma'aa, adaala dadaa lubbuu qadduutii fi maangudootaa naannayaneeran. Isaan qoonqoo guddo'oon, “Hoolichi qalame sun, baallii, durummaa, qarummaa, hunna, ulfinna, guddinnaa fi galata fudhatu'uu male” jedhanee faarsane. Achiin duuba dadaan ol-gubba'aa, ta lafa irraa, ta laafaan jalaa, ta abbaayaa keessaatii fi ta isaan mara keessa jirtu marti, “Galanni, guddinni, ulfinnii fi baalliin, ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeruu fi Hoolichaaf, bara baraa haga bara baraa te'u” jedhaa faarfatanuun dhage'e. Dadaan lubbuu qaddu arfan, “Ameen!” jette; maanguddootille gad jiddee sagadde. Achiin duuba Hoolichi sun chaappaa torba keessaa ka qaraa banuun dhagge; dadaa lubbuu qaddu arfan keessalle'ee tokkochi qoonqoo akka mandiisu'uutiin, “Koy!” jedhuun dhage'e. Anille midhadhee, farda adii tokko dhagge; ka farda san irra tee'eerulle daaya qabateera; kallachi isaaf kennamee, innille akka mooyataa tokkoo mooyatiisaaf gad baye. Yennaa Hoolichi sun chaappaa lammeessoo bane, dadaan lubbuu qabu ka lammeesso'oo, “Koy!” jedhuun dhage'e. Achiin duuba fardi dhibiin diimaan ibiddi gad baye; ka farda san irra tee'eerulle, akka nageya lafa irraa balleesuu fi akka namooti wol qalanu akka godhuuf baalliin kennanteef; goraadeen guddaalle kennanteef. Yennaa Hoolichi sun chaappaa sadeesso'oo bane, dadaan lubbuu qabu ka sadeesso'oo, “Koy!” jedhuun dhage'e. Anille achi midhadhee farda gurraacha tokko dhagge; ka farda san irra tee'eeru waan ittiin madaalanu harkatti qabateera. Qoonqoo dadaa lubbuu qaddu afur keessaa baatu fakkaattu dhage'e; qoonqoon sun, “Qamadiin waan ittiin saffaranu diqqaa tokkocha te'u mindaa hujii guyyaa tokkoo, garbuun waan ittiin saffaranu diqqaa sad te'u mindaa guyyaa tokkoo te'uu ti! Ejersa zayiti'iitii fi muka woyinii hin balleessin” jettuun dhage'e. Yennaa Hoolichi sun chaappaa arfeesso'oo bane, dadaan arfeesso'oo, “Koy!” jedhuun dhage'e. Ani midhadhee, farda borora tokko dhagge; ka farda san irra tee'eeru maqaan isaa, “Du'a” jedhama; mootummaan du'aalle dubaan isa hordofiisatti jirtiiyyu. Du'aa fi mootummaan du'aa goraade'een, beelaan, bala'aa fi bineensota lafa irraatiin akka ijjeesanuuf, lafa irratti harka afur keessaa harka tokko baalliin isaaniif kennante. Yennaa Hoolichi sun chaappaa shaneesso'oo bane, lubbuu worra marroo Dubbii Waaqaatii fi marroo dhugaa bayaneef qalamanee, addee ciincaan ciinceffamu jalatti dhage. Isaanille qoonqoo guddo'oon, “Goottaa ol aana'a, woyyichaa fi dhugaamessa, worra lafa tana irra le'u irratti murtee, dhiiga keenna nu'uuf adoo hin baasin, haga yoomii turta?” jedhaa iyyane. Achiin duuba tokkoo tokkoofuu woyaan adiin kennante; haga laakkossi tajaajiltoota isaaniif lansaatii fi obboleeyyan isaanii, ka akkuma isaanii ijjeefamanuu guutuu te'utti, haga diqqoo akka ossatanu itti himame. Hoolichi chaappaa jayeesso'oo banuun dhagge. Tacho'i lafaa guddaan te'e; aduun akka cile'ee gurraachotte; jiinille guutuma guutu'utti akka dhiigaa diimate. Akkuma midhaan harru'uu ka hin bilchaatin qilleensa jaba'aan hargufamee harca'u, urjooti gubba'aa gadi lafatti harcaate. Gubbaan akka kitaaba mara'aa marantee tarte; gaarotaa fi oddoolli duudiin addee ifii irraa balleeffamane. Kanaan duuba, moototi lafaa, bulchitooti, abbootiin duulaa, dureeyyiin, hunnaammeyyiin, garbichaa fi ka garbicha hin te'in marti, godootaa fi rassoota gaarotaa keessa dhokatane. Gaarotaa fi rassootalle'een, “Nu irratti jiga'a, ila ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeruutii fi mufii Hoolichaa jalaa nu dhossa'a. Guyyaan guddaan isaan mufatanu geyeera; eentu dura dhaabbachuu dande'a ree?” jedhane. Kanaan duuba ergantooti Waaqaa arfan, moggaa lafaa arfanuu dhaabbatanee, akka lafatti yookiin abbaayaa guddo'otti, yookiin muka kamille'etti qileensi hin dhoonne, qileensa maddii arfanii dhoogganuun dhagge. Achiin duuba ergamaan Waaqaa ka dhibiin ka chaappaa Waaqa jiraata'aa qabu gara aduun baatuun dhufuun dhagge; innille, ergantoota Waaqaa arfan, ta akka lafaa fi abbaayaa guddoo miidhanuuf baalliin isaanii kennanteen, qoonqoo ol qabatee, “Adda tajaajiltoota Waaqa keenaatti haga chaappaa dhoonnu, lafa yookiin abbaayaa guddoo, yookiin mukoota hin miidhina'a” jedhee iyye. Ani laakkossa worra chaappaan itti dhowameelle dhage'e; worri gosa Israa'elii mara keessaa chaappa'aan dhowame kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afur. Gosa Yihudaa keessaa kuma kudha lama, gosa Ruubenii keessaa kuma kudha lama, gosa Gaadii keessaa kuma kudha lama, gosa Aseerii keessaa kuma kudha lama, gosa Niftaalemii keessaa kuma kudha lama, gosa Minaase'ee keessaa kuma kudha lama, gosa Shimi'oonii keessaa kuma kudha lama, gosa Lewwi'ii keessaa kuma kudha lama, gosa Yisaakorii keessaa kuma kudha lama, gosa Zebuloonii keessaa kuma kudha lama, gosa Yoseef keessaa kuma kudha lama, gosa Beniyaaminii keessaa kuma kudha lamatti chaappaan dhowame. Kanaan duuba gumiin bindillaan ta nami tokkolle laakkowee hin dandeenne gosa biyya adda addaa mara keessaa, gosa mara keessaa, kolbaa maraa fi afaan adda addaa mara keessaa dhufane dhaabbataneeranuun dhagge; isaan woyaa adii uffatanee, baala meexxi'ii harkatti qabatanee, barcumaa mootumma'aatii fi Hoolichaa dura dhaabbataneeraniiyyu. Isaan qoonqoo guddo'oon, “Fayyinni Waaqa keenna ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeruu fi Hoolicha biraa dhaggama!” jedhanee iyyane. Ergantooti Waaqaa martinuu naannoo barcumaa mootumma'aa, maanguddootaatii fi dadaa lubbuu qaddu arfanii dhaabbataneeraniiyyu; barcumaa mootummaa Waaqaa duratti addan gad gombifamanee Waaqaaf sagadanee, “Ameen! Waaqa keennaaf leelloon, guddinni, qaruun, galanni, ulfinni, hunnaa fi jabeenni bara baraa haga bara baraa te'u! Ameen!” jedhane. Achiin duuba maanguddoota keessaa tokkochi, “Worri woyaa adii uffateeru kun eennu fa'a? Eessaa dhufane?” jedhee na gaafate. Anille, “Goottaa kiyya, si'ittuu beeka” jedheen. Innille, “Isaan worra rakkinna guddaa keessaa bayanee dhufane; woyaa ifiille dhiiga Hoolichaatiin dhiqatanee addeeffataneeran. Tanaaf isaan barcumaa mootumma'aa ka Waaqaa dura dhabbatanee, halkanii fi guyyaa Galma Waaqaa keessatti isa tajaajilan; ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eerulle dunkaana ifii isaan gubba'atti hin diriirsa. Haganaan achi hin beelowanu; deebi'aneelle hin dheebotanu, aduun isaan hin dhoottu, o'i finiinaalle isaan hin gubu. Sababille, Hooleen odduu barcumaa mootumma'aa jiru tissee isaanii hin te'a; gara madda bisaan jiru'uulle isaan hin geessa. Waaqille ila isaanii irraa imimmaan mara hin haqa” anaan jedhe. Yennaa Hoolichi chaappaa torbeesso'oo bane, ol-gubba'atti gara daqiiqaa soddoomaa cadheessi te'e. Achiin duuba ani ergantoota Waaqaa torba ta Waaqa dura dhaabbattu dhagge; tultullaan torballe isaaniif kenname. Ergamaan Waaqaa ka dhibiille girgiraa worqi'iin hujame qabatee dhufee, addee ciincaan itti ciinceffamu bira dhaabbate; innille addee ciincaan itti ciinceffamu ta worqi'iin hujantee barcumaa mootummaa Waaqaa dura jirtu irratti, daadimata worra Waaqaaf woyyoome maraa woliin akka dhiyeessuuf, hixaanni bacaan itti kenname. Aarri hixaanaalle daadimata worra Waaqaaf woyyoomee woliin harka ergamaa Waaqaa irraa gara fuula Waaqaa ol ka'e. Ergamaan Waaqaa sunille girgiraa san harkatti qabatee ibidda ciinca'aa itti guutee gad gara lafaa qolaanse; gikkeessi mandiisu'uu, huuruun, balaqqeessi balaqqeetti'iitii fi tacho'i lafaalle te'e. Achiin duuba ergantooti Waaqaa torba ta tultullaa torba qabateertu tultullaa afuufiisaaf qophootte. Ergamaan Waaqaa ka qaraa tultullaa ifii afuufe. Dhakaan bokkeyaatii fi ibiddi dhiigaan makame lafatti gad bu'ane; lattille harka sadi keessaa harki tokko gubatte; mukootille harka sadi keessaa harki tokko gubatane; marri bisileelle martinuu gubate. Ergamaan Waaqaa ka lammeesso'oolle tultullaa ifii afuufe. Wonni akka gaara gudda'aa fakkaatulle ibiddaan gubataa abbaayaa guddo'otti qolaanfame; abbaayaan guddoolle harka sadi keessaa harki tokko dhiiga teete. Dadaan lubbuu qaddu ta abbaayaa guddoo keessa jirtu, harka sadi keessaa harki tokko duute; hobolooti gugurddootille harka sadi keessaa harki tokko muxuqqi jedhane. Ergamaan Waaqaa ka sadeesso'oolle tultullaa ifii afuufe. Urjiin guddoon ta akka xassa'aa bobeettu lagoota harka sadi keessaa harka tokkoo fi maddoota bisaaniititti ol-gubbaa irraa buute. Maqaan urjii saniille, “Hadheesso” jedhama. Bisaanille harka sadi keessaa harki tokko hadhowaa te'e; bisaan hadhowaa waan te'eef namooti hedduun du'ane. Ergamaan Waaqaa ka arfeesso'oo tultullaa ifii afuufe. Ifi isaanii harka sadi keessaa harki tokko akka dukkanowuuf, ka adu'uu harka sadi keessaa harki tokko, ka ji'aa harka sadi keessaa harki tokkoo fi ka urji'ii harka sadi keessaa harki tokko dhowame; ifi guyya'aa harka sadi keessaa harka tokko, ifi halkaniille harka sadi keessaa harka tokko ifa akka hin kennine dhooggame. Achiin duuba midhadhee, risaan tokko waaqa keessa koolaan ka'aa qoonqoo guddo'oon, “Ergantooti Waaqaa sadi ta hatte, waan tultullaa afuuttuuf, worra lafa irra le'uuf aanne'e! Aaanne'e! Aanne'e!” jedhaa iyyuun dhage'e. Ergamaan Waaqaa ka shaneesso'oo tultullaa afuufe. Ani urjii ol-gubbaa irraa gadi buuteertu dhagge; urjii saniif furtuun boolla qile'ee kennante. Yennaa urjiin sun boolla qilee san bante, aarri akka aara boolla ibiddaa guddaa keessaa bawu fakkaatu keessaa baye. Aara boolla keessaa bayeen, adu'uu fi qilleensi dukkanowane. Aara san keessaa awwaannisooti bayanee lafatti bu'ane; baalliin akka baallii makkaa jirtu kennanteef. Isaan namoota adda ifii irratti chaappaa Waaqaa hin qanne callaa malee, marra lafaa, yookiin waan latee bisilee te'e mara, yookiin muka akka hin miine itti himame. Awwaannisootille ji'a shan callaa akka isaan farrisiisanuuf malee, akka ijjeesanuuf baalliin isaaniif hin kennanne; farri isaan farranu sunille farra akka yennaa makki nama ciniine namatti dhage'amuu ti. Guyyoota san namooti du'a barbaadan, ammoo hin dhaggatanu; du'iisaafille hin halchan, duuti ammoo isaan duraa hin baqatti. Awwaannisooti fardoo lolaaf qophootte fakkaatan; mataa ifii irralle'etti waan akka kallacha worqi'ii fakkaatu keyataneeran; fuulli isaaniille fuula namaa fakkaata; rifeensi isaanii akka rifeensa mataa dubarti'ii fakkaata; ilkaan isaaniille ilkaan neenqaa fakkaata. Isaan qomoo, qomoo sibiilaa fakkaattu qaban; qoonqoon koola isaaniille hididdeessa garreettota lolaa ka fardo'oon harkifamanu heddu'uu, ka gara lolaa gulufanuu fakkaatti. Isaan akka makkaa eege'ee fi ilkattii qaban. Hunni isaan ittiin namoota ji'a shan farrisiisanulle eegee isaanii irra jirti. Isaan mootii qaban; innille ergamaa boolla qile'eeti; maqaan ergantichaa afaan Ibrootaatiin, “Abadoon”, afaan Griikiitiin, “Apholiyon” jedhama; akkas jechuulle, “Balleesso” jechu'u. Aanneen qaraa dabarteerti; kunoo kanaan duuba ammalle aanneen lama ta dhibiin hin dhutti. Ergamaan Waaqaa ka jayeesso'oo tultullaa ifii afuufe. Gaafa arfan addee ciincaan itti ciinceffamuu, ka worqi'iin hujamee fuula Waaqaa dura jiruu irraa qoonqoon dhuttuun ani dhage'e. Qoonqoon sunille ergamaa Waaqaa ka tultullaa jayeesso'oo qabateeruun, “Ergantoota Waaqaa arfan ta laga Efraaxiisii guddichatitti hidhamane hiiki!” jette. Sanyii namaa harka sadi keessaa harka tokko akka ijjeesanuuf, sa'aatii tanaaf, guyyaa kanaaf, ji'aa kanaa fi woggaa kanaaf, ergantooti Waaqaa arfan ta qophoyaneeranu hiikamane. Ani laakkossa loltoota fardaan loltuulle dhage'e; laakkosi isaanii miloonii dhibba lama. Fardo'oo fi worra fardoo san irra tee'eeruulle ani mudhi'iin dhagge. Isaan qomoo sibiilaa diintuu akka ibiddaa, gurraattii akka baddeessa'aatii, fi bifa bookaa fakkaattu qaban. Mataan fardoo sanii mataa neenqaa fakkaata; afaan isaanii keessalle'ee ibiddi, aarrii fi dhakaan bobe'u baya. Balaa sadiin afaan fardo'oo keessaa bayeen, jechuun ibiddaan, aaraa fi dhakaa bobe'uun sanyiin namaa harka sadi keessaa harki tokko ijjeeffante. Sababille hunni fardoo sanii afaanii fi eegee isaanii keessa jirti; eegeen isaanii bofa fakkaatti; isiille mataa waan qadduuf, isaan isi'iin kolbaa miidhan. Worri balaa kanaan hin du'in hafane ammalle hujii harka ifii irraa hin deebine. Isaan durriisota, akkasuma waaqota dharaa ka worqii, meetii, sageettuu, mukaa fi dhakaa irraa hujamane, ka dhagguu, yookin dhage'uu, yookiin ideemuu hin dandeenne waaqonfatiisa hin lakkinne. Isaan ijjeechaa, xanuu, sagaagaluu yookiin hatuu irraa hin deebine. Kanaan duuba ergamaan Waaqaa ka dhibiin hunnaamessi ol-gubbaa irraa gadi bu'uun dhagge. Inni duumensa maratee, mataa ifii irratti hiituu Waaqaa qaba; fuulli isaa aduu fakkaata; miilli isaalle utuboota ibiddaa fakkaata. Inni Kitaaba mara'aa diqqaa banameeru harkatti qabateera; miila ifii middicha abbaayaa guddoo irra, miila bitaacha lafa irra keyate; qoonqoo guddoo ta akka neenqa dhangaa dhoowuutiin iyye. Yennaa inni iyye mandiisuun torba qoonqoo ifii dhageessitte. Yennaa mandiisuun torba mandiite, ani barreessiisaaf qophoyeeraayyu; ol-gubbaa irraa ammoo, “Waan mandiisuun torba dubbatte cufii gadha'atti qabadhu malee, hin barreessin” qoonqoo jettu dhage'e. Kanaan duuba ergamaa Waaqaa ka abbaayaa guddo'oo fi lafa irra dhaabbateeruun dhagge sun harka ifii middicha gara ol-gubba'aa ol kaase. Innille maqaa Waaqa bara baraa haga bara baraa jiraatuutiin, ka ol-gubba'aa fi waan isii keessa jiru, ka lafaa fi waan isii keessa jiru, ka abbaayaa guddo'oo fi waan isii keessa jiru dadeetiin kakatee, “Yoona hin turu! Guyyoota ergamaan Waaqaa ka torbeesso'oo tultullaa ifii afuufutti ammoo, akkuma inni raagota tajaajiltoota ifiititti mudhisetti dhossaan Waaqaa hin muummotti” jedhe. Achiin duuba qoonqoon ani ol-gubbaa irraa dhage'e tuun ammalle, “Dhaqiitii harka ergamaa Waaqaa, ka abbaayaa guddo'oo fi lafa irra dhaabbateeru irraa, Kitaaba diqqicha mara'aa, ka banameeru fudhadhu” jettee natti dubbatte. Anille gara erganticha Waaqaa dhaqee Kitaaba diqqicha mara'aa san akka anaaf kennu gaafadhe; innille, “Fudhadhuu nyaadhu! Inni afaan keeti keessatti akka dammaa hin mi'owa, gadhaa keeti keessatti ammoo hin hadhowa” naan jedhe. Kitaaba diqqicha san harka ergamaa Waaqaa irraa fuudhee nyaadhe; afaan kiyya keessatti akka dammaa mi'oye; nyaadheen duuba ammoo gadhaa kiyya keessatti hadhowe. Achiin duuba, “Ati marroo kolbaa adda addaa, marroo gosa biyya adda addaa, marroo afaan adda addaatii fi marroo mootota adda addaa raaga dubbatuu qadda” jedhamee natti himame. Achiin duuba uleen ittiin mikanu ta leemma fakkaattu naaf kennante; analle'een, “Dhaqiitii Galma Waaqaatii fi addee ciincaan itti ciinceffamu miki; worra achitti waaqonfatulle laakkoy. Addee Galma Waaqaatiin fuula dura jirtu ammoo hin mikin. Sababille addeen sun worra Yihudoota hin te'iniif kennanteerti. Isaan qachaa woyyicha ji'a afurtamii lama irra hirbeessan. Ani dhugaa baatota tiyya lamaaf hunna hin kenna; isaaniille woyaa gaddaa uffatanee, guyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatama hin raagan” jedhame. Dhugaa baatoti lama, ta Waaqa Goottaa biyya lafaa dura dhaabbattu tun, muka ejersaa lamaa fi waan ifi irra keyamu lama. Eennulle isaan miidhiisaaf yoo barbaade, ibiddi afaan isaanii keessaa bayee diina isaanii hin balleessa; ka isaan miidhiisaaf barbaadu mara akka kanaan ijjeefaman. Isaan guyyoota raaga raaganu san, akka bokkeenni hin roonne gubbaa cufiisaaf baallii qaban; akkasuma bisaan dhiiga godhiisaa fi yenna fedhane mara balaa te'e maraanu lafa dhowiisaaf baallii qaban. Yennaa isaan dhugaa bayiisa fixatane, bineensi hamaan boolla qilee keessaa bayee isaan adhee injifatee, hin ijjeesa. Reeffi isaaniille hodhicha guddaa qachaa gudda'aa irra hin ciciisa; qachaan kun addee Goottaan isaanii itti fannifame, ta yennaa fakkeennaan dubbatantu Sodoom yookiin Gibxi jedhantu. Kolbaa adda addaa keessaa, gosa adda addaa keessaa, afaan adda addaatii fi gosa biyya adda addaa keessaa worri dhufane, guyyaa sadii fi wodhakkaa reeffa isaanii hin daawwa'atan, hin awwaalchisanulle'e. Raagoti lamaan tun worra lafa irra le'anu waan farrisiisaneeranuuf, worri lafa irra le'anu du'a raagota tanaatitti gammadanee jilifatan; woliifille kennansa hin kennan. Guyaa sadii fi wodhakka'aan duuba ammoo, hafuurri jiru'uu Waaqa biraa dhufee itti gale; isaanille ka'anee miila ifiitiin dhaabbatane; worri isaan dhagge duudiin bararaqe. Achiin duuba ol-gubbaa irraa qoonqoo guddoo ta, “Asi baya'a!” isaaniin jettu dhage'ane; diinoti isaanii adoo ilaalanu duumensa keessa gara ol-gubba'aa bayane. Sa'aatuma sanitti tacho'i lafaa guddaan te'ee, qachaan sun harka kudhan keessaa harki tokko diigame; tacho'a lafaa saniin namooti kumi torba du'ane; worri hafanelle bararaqanee, Waaqa ol-gubba'aatiif ulfinna kennane. Aanneen lammeesso'oo dabarteerti; kunoo aanneen sadeesso'oo dhufaarti. Ergamaan Waaqaa ka torbeesso'oolle tultullaa ifii afuufe. Ol-gubbaalle'etti qoonqoon hedduun guddoon, “Mootummaan biyya lafaa, ta Goottaa keennaatii fi ta Kiristoosii isaa teete; innille bara baraa haga bara baraatitti hin moowa” jettu dhage'ante. Maanguddooti diddamii afur, ka fuula Waaqaa duratti barcumaa ifii ka mootumma'aa irra tee'aneeranulle, addaan gombifamanee Waaqaa sagadanee, “Waaqa Goottaa waan mara dandeettu, ka ammaa fi durille jirtu, hunna teeti guddoo fudhattee waan mooteef, si galateeffanna. Worri Yihudoota hin te'in mufate; mufiin teetille dhutte; yennaan worri du'e muraa dhaggatulle geette; yennaan tajaajiltooti teeti raagotii fi worri si'iif woyyoome, worri maqaa keeti ulfeessu worri didiqqa'aa fi worri gugurdaan, gatii ifii dhaggatanu geette; yennaan worra lafa balleesse, balleessitulle geette” jedhane. Achiin duuba Galmi Waaqaa ka ol-gubba'aa baname; Galma Waaqaa keessatti saanduqi Gondooroo isaa mudhate. Balaqqettiin balaqqittee, huuruun dhage'antee, mandiisuun mandiitee, latti tachootee, dhakaan bokkeyaa guddaalle bu'e. Kancirri guddaan tokko ol-gubba'atti mudhate; dubartiin aduu uffattee, ji'a miila jala keyattee, kallacha urjoota kudha lamaa mata'atti keyatteertu takka mudhatte. Isiin ulfa qaddi; yennaa deyiisaaf ciniinsifattu, ciniinsu'uun rakkattee iyyite. Kancirri dhibiille ol-gubba'atti mudhate; jawween guddoon diintuun, ta mataa torbaa, ta gaafa kudhan qadduu fi kallacha torba mata'atti keyateertu takka mudhatte. Eegeen isi'ii urjoota harka sadi keessaa harka tokko ol-gubba'aa harkittee gad lafatti qolaansite. Jawween sun, akkuma dubartittiin deetteen mucaa isiin deettu liqinsiisaaf, isii deya geette dura dhaabbatte. Isiin ilma gosa biyya maraa ulee sibiilaa ta bokku'uutiin bulchu deette; mucaan gara Waaqaatii fi gara barcumaa mootummaa ifii ol fudhatame. Dubartittiille, gara addee Waaqi akka isiin guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatamaaf, waan ittiin leetu dhaggattuuf qopheessee, gara lafa goomole'ee baqatte. Kanaan duuba ol-gubballe'etti lolli ka'e. Mikaa'elii fi ergantooti isaa jawwee san lolane; jawwe'ee fi ergantuun isi'iille deebisane isaan lolane; te'uu malee jawwe'ee fi ergantooti isi'ii injifatamane; addee ol-gubba'atti qabanulle dhabane. Jawween guddoon gad qolaanfante; isiin Diyaabiloosii yookiin Seexana biyya lafaa duudii wollaalichise jedhamu, dhudhuufaa bara durii ti. Isiin gad gara lafaa qolaanfante; ergantooti isi'iille isii woliin qolaanfante. Anille ol-gubbaa keessaa qoonqoo guddoo dhage'e; isiilleen, “Amma fayyinni, hunni, mootummaan Waaqa keennaatii fi baalliin Kiristoosii isaa dhutteerti; himattooti obboleeyyan teennaa, ta halkanii fi guyyaa Waaqa keenna duratti isaan himataa turtelle gad qolaanfanteerti. Obboleeyyan teennalle, dhiiga Hoolichaatii fi jecha dhugaa bayiisa ifiitiin isa mooyataneeran; lubbuu ifii adoo hin jaallatin du'aaf dabarsanee ifi kennaneeran. Maarre yoona ol-gubbootii fi worri isaan keessa leetanu gammada'a! Lafaa fi abbaayaa guddo'o, isiniif ammoo aanne'e! Sababille Seexanni yennaa gabaadduu callaa akka qabu beekee, mufii gudda'aan gadi gara keessan dhufeera. Jawween sun gara lafaatitti akka gad qolaanfatte yennaa beette, dubartittii ilma deette san ari'utti kaate. Dubartittiin ammoo gara lafa goomole'ee, addee itti woggaa sadii fi wodhakka'aaf waan ittiin leetu dhaggattu sanii, akka koolaan kaatuuf koolli risaa guddichaa lama isi'iif kenname. Achiin duuba jawween sun akka dubartiin sun lola'aan fudhatantuuf, bisaan akka lagaa, afaan ifii keessaa, dudda isi'ii duubaan gadi naxxe. Latti ammoo dubartittii gargaarte; afaan ifii bantee laga jawween afaan ifii keessaa gadi naxxe san liqinsite. Jawween sunille dubartii sanitti aartee, ijoollee isi'ii ta hatte woliin loliisaaf dhaxxe; isaan worra ajaja Waaqaa eeggatuu fi dhugaa baya Yesuusii qabatu. Jawween sun maansa cinaa abbaayaa guddo'oo irra dhaabbatte. Kanaan duuba bineensi tokko abbaayaa guddoo keessaa bayuun dhagge. Bineensi sun gaafa kudhanii fi mataa torba qaba; gaafota ifii irralle'etti kallacha kudhaan, mataa ifii irralle'etti maqoota Waaqa faanshessanu qaba. Bineensi ani dhagge sun qeeransa fakkaata; miilli isaa ammoo miila doobba'aa fakkaata, afaan isaalle afaan neenqaa fakkaata. Jawween tun hunna ifii, barcumaa mootummaa ifiitii fi baallii ifii guddoo bineensa sanii kennite. Matoota bineensa sanii keessaa mataan tokkochi madaa ijjeettu waan qabu fakkaata; ammoo madaan sun fayyiteerti. Biyyi duudiin baaseffattee, bineensa san hordote. Jawween baallii ifii bineensa kanaaf waan kenniteef, namooti isi'iif sagadane; akkasuma bineensa sanille'een, “Ka akka bineensa kanaa jiru eennu? Eentu isa loliisaafdande'a?” jedhaa sagadaneef. Afaan jecha kooraa itiin dubbatuu fi Waaqa ittin fanshessu bineensa saniif kenname; ji'a afurtamii fi lama baalli'iin akka hujuufille eeyyam kenname. Innille Waaqa, maqaa Waaqaa, addee ulfaattuu Waaqi le'uu fi worra ol-gubbaa keessa le'u faanshessiisaaf afaan banate. Akka inni woyyoota lolee injifatuuf hunni isaaf kennante. Gosa, kolbaa, afaanii fi gosa biyya adda addaa mara irralle'etti baalliin kennanteef. Haga biyyi lafaa dadantee jalqabee, worri maqaan isaanii kitaaba jiru'uu ka Hoolicha qalamee keessatti hin barreeffamin, namooti lafa irra le'anu marti bineensa saniif hin sagadan. Nami gurra qabu dhage'uu ti! Nami booji'amu, hin booji'ama; nami goraade'een ijjeefamu goraadumaan ijjeefama. Ciniinnatanee ossiisaa fi addatamiisi kolbaa Waaqaa yenna tana barbaachitti. Achiin duuba bineensi dhibiin lafa keessaa bayuun dhagge. Akka hoole'ee gaafa lama qaba, ammoo akka jawwe'ee dubbate. Inni maqaa bineensa qaraatiin baallii guutu'uun hujiisatti jiraayyu; lafaa fi worri isii irra le'anu maraa, bineesa qaraa ka madaa ijjeettu irraa fayye akka waaqonfatanu godhe. Kolbaa duralle'etti haga ibidda ol-gubbaa irraa gad gara lafaa buusiisaatitti bilbaasa gugurddaa huje. Maqaa bineensa qaraatiin bilbaasa akka hujuuf baalliin waan kennanteertuuf, worra lafa irra le'anu wollaalchise; bineensa goraade'een madayee, ammoo ka lubbuun jiruuf, fakkii akka dhaassisanuufille ajaje. Fakkiin bineensa qaraa dubbatiisa akka dandeettu hafuura akka isi'iif kennuu fi worra fakkii tanaaf hin saganne maraa akka ijjeessisuuf baalliin keennante. Akkasuma diqqa'aa fi guddaan, dureessii fi hiyyeessi, gootta'aa fi garbichi marti harka middicha irratti yookiin adda ifii irratti beessisa akka godhatanu hunnaan tolche. Beessisa bineensa qaraa ka maqaa isaa yookiin laakkossa maqaa isaa mudhisu, yoo ifi irraa qabaate malee, nami tokkolle bitatu'uu fi gurguratuu akka hin dandeeneef akkasi tolche. Wonni tun qarummaa barbaaddi. Laakkossi kun laakkossa namaa waan te'eef, nami qalbii qabu maraa laakkossa bineensa kanaa herregee bira gewuu ti; laakkossi isaalle, dhibba jaa fi jaatamii fi ja. Achiin duuba midhadhee, Hoolichi gaara Xiyoonii irra dhaabbatuun dhagge; worri maqaan isaatii fi maqaan Abbaa isaa adda isaani'iititti barreeffameerulle, namooti kuma dhibbaa fi kuma afurtamii fi afur isa woliin jiraniiyyu. Qoonqoo akka qoonqoo bisaan heddu'uutii fi gikkeessa mandiisuu guddo'oo jirtu ol-gubbaa keessaa dhage'e; qoonqoon ani dhage'e sun qoonqoo kiraara gugurda'aa ka worri kiraara dhowu dhowuu fakkaatti. Isaanille barcumaa mootumma'aa duratti, dadaa lubbuu qaddu afurii fi maanguddoo diddamii fi afur duratti faaruu haareya faarsane. Worra lafa irraa wodame, worra kuma dhibbaa fi kuma afurtamii fi afur malee, nami tokkolle faaruu san baratiisaaf hin dandeenne. Worri kun waan qulqullumma'aan ifi eegataneeranuuf, worra dubartii bira dhaqiisaan ifi batteesseeruu moti; isaan qeedho'o. Isaan gara Hoolichi deemu mara gula deeman; isaan kun worra Waaqaa fi Hoolichaaf akka angafoota te'anuuf, sanyii namaa keessaa wodamane. Afaan isaanii keessalle'etti dharti ijjumaa hin dhagganne; isaan worra komii hin qanne. Achiin duuba ergamaan Waaqaa ka dhibiin wolakkaa ol-gubba'aa keessa koolaan ka'uun dhagge; innille Oduu Gammadaa ta bara baraa, ta worra lafa irra le'u maraaf, gosa biyya adda addaa maraaf, gosa maraaf, afaanii fi kolbaa maraaf lallabu qabateera. Inni qoonqoo guddo'oon, “Guyyaan muraa isaa waan geyeef, Waaqa sodaadha'a, ulfinalle kenna'aaf! Ka ol-gubba'aa fi lafa, abbaayaa guddo'oo fi madda bisaanii dadeef sagada'a!” jedhe. Ergamaan Waaqaa dhibiin, ka lammeesso'oo, ka qaraatitti aanee, “Baabilooniin guddoon jidde! Jidde! Isiin gosi biyya adda addaa marti, daadhii woyni'ii ta sagaagala isi'ii, ta macheessitu akka untu tolchiteerti” jedhe. Ergamaan Waaqaa dhibiin, ka sadeesso'oolle, isaanitti aanee qoonqoo guddo'oon, “Nami bineensaa fi fakkii isaatiif sagadu, ka beessisa isaalle adda ifii irratti yookiin harka ifii irratti godhatu mara, daadhii woyni'ii ta mufii Waaqaa hin una; daadhiin woyini'ii sunille ta adoo hin makamin muduunuu mufii Waaqaatitti naqanteertu; akkasuma inni ergantoota Waaqaa woyyootaa fi Hoolicha fuula duralle'etti ibiddaa fi dhakaa bobe'uun hin farra. Aarri farra isaani'iille bara baraa haga bara baraa ol hin baya; worri bineensaa fi fakkii bineensaatiif sagadu, yookiin worri beessisa maqaa isaa godhatu mara halkanii fi guyyaa foora hin qabu” jedhe. Kolbaa Waaqaa ta ajaja Waaqaa eeggatanuu fi Yesuusille'eef addatamiisaan jabaatanu irraa ciniinnatanee ossiis yennaa tana barbaachitti. Achiin duuba ol-gubbaa keessaa, “Haganaa achi worri Gootta'aan jiraataa du'u, worra badhaadhe jedhii barreessi” qoonqoo jettu dhage'e. Ayyaannille, “Ee, hujiin isaanii waan isaan hordottuuf, dadhabbii ifii irraa hin foorfatan” jedha. Achiin duuba midhadhee, duumensa adii tokko dhagge; ka ilma namaa fakkaatu tokkolle, kallacha worqi'ii mata'atti keyatee, haantuu qara qaddu harkatti qabatee, duumensa san irra te'eeraayyu. Ergamaan Waaqaa dhibiin, Galma Waaqaa san keessaa bayee, ka duumensa irra tee'e saniin, “Wonni lafa tanaa ta hammantu guutumatti bilchaateerti; yennaan haamma'aalle waan geeteertuuf, haantuu teetiin haam!” jedhee qoonqoo guddo'oon iyye. Maarre, ka duumensa irra tee'eeru sun haantuu ifii lafa irra wolaase; lattille haamante. Ergamaan Waaqaa ka dhibiin, Galma Waaqaa ka ol-gubbaa keessa jiru keessaa baye; innille haantuu qara qaddu qabaayyu. Ergamaan Waaqaa ka dhibiin, ka ibidda irratti baallii qabu, addee ciincaan itti ciinceffamu biraa baye; inni ergamaa Waaqaa ka haantuu qara qaddu qabateeruun, “Unkuruurri midhaan muka woyini'ii waan bilchaateeruuf, haantuu teetiin unkuruura midhaan muka woyini'ii, muka woyinii lafaa irraa muriitii wolitti qabi” jedhee qoonoo guddo'oon iyye. Ergamaan Waaqaa sunille, haantuu ifii lafa irra wolaasee, unkuruura midhaan muka woyinii lafaa mara muree, addee midhaan woyinii mufiin Waaqaa guddo'oon itti cunfantutti qolaanse. Woyiniin sunille qacha'aan alatti addee woyiniin itti cunfantutti cunfante; dhiigi haga lugaama fardaa ol dheeratuu addee woyiniin itti cunfantu san keessaa bayee, haga kiilo meetrii dhibba sadii lola'e. Achiin duuba beessisa gudda'aa fi kancira te'e tokkolle ol-gubba'atti dhagge. Ergantoota Waaqaa ta balaa muumme'ee torba qabateertu dhagge; mufiin Waaqaa isaaniin waan muummottuuf, ka muumme'ee jedhamane. Ammalle waan ibiddaan makameeru ka abbaayaa daaw'iti'ii fakkaatu tokko dhagge; worra bineensa, fakki'ii fi laakkossa maqaa isaa injifateerulle, cinaa abbaayaa sanii dhaabbataneeranuun dhagge. Isaanille kiraara guddicha Waaqa biraa kenname qabatanee, faaruu garbicha Waaqaa ka Muuse'eetii fi Ka Hoolichaa faarfatanee, “Waaqa Goottaa waan mara dandeettu, hujiin teeti guddo'oo fi baasa! Ati mootii gosa biyya adda addaa, karaan keeti qajeela'aa fi dhuga'a! Gootta'a! Nami si hin sodaanne, ka maqaa keetille hin guddinne eennu? Si calla'attuu woyyicha; hujiin teeti balchittiin waan mudhatteef, gosi biyya adda addaa mara dhufee, si'iif hin sagada” jedhane. Kanaan duuballe'etti waan dhibii dhagge. Galmi Waaqaa ka ol-gubba'aa, ka dunkaanii dhugaa bayaa jedhamu baname; ergantooti Waaqaa ta balaa torba qabateertu, Galma Waaqaa keessaa gadi bayane; isaan woyaa quncee talba'aa irraa hujante, adii calalaxxu uffatanee qoma ifiille hidhata worqi'iitiin hidhataneeran. Achiin duuba dadaa lubbuu qaddu afur keessaa tokkochi, qorii worqi'ii torba ta mufii Waaqa bara baraa haga bara baraa jiraatuutiin guutanteertu, ergantoota Waaqaa torba sanii kenne. Galmi Waaqaa sunille aara ulfinnaa fi hunna Waaqaatiin guutame; haga balaan torba ka ergantoota Waaqaa torbaa muummottutti, eennulle gara Galma Waaqaa seeniisaaf hin dandeenne. Achiin duuba Galma Waaqaa keessaa, qoonqoon guddoon ergantoota Waaqaa torbaaniin, “Dhaqa'aatii, qorii mufii Waaqaa torba lafatti gadi naqa'a!” jettuun ani dhage'e. Ergamaan Waaqaa ka qaraa dhaqee qorii ifii lafatti gadi naqe; worra beessisa bineensaa ifi irratti qabuu fi worra fakki'iif sagade irratti madaan hantuun farrisiittu baate. Ergamaan Waaqaa ka lammeesso'oo, qorii ifii abbaayaa guddoo irratti gadi naqe; abbaayaan guddoon sunille akka dhiiga nama du'ee teete; wonni lubbuu qabanu ka abbaayaa guddoo san keessa le'anu mara du'ane. Ergamaan Waaqaa ka sadeesso'oo qorii ifii lagaa fi madda bisaanii irratti gadi naqe; isaaniille dhiiga te'ane. Achiin duuba ergamaan Waaqaa ka bisaan irratti baallii qabu dubbatuun dhage'e; inni, “Ee, Woyyicha, ka amma jirtuu fi durille jirtu, waan akkas murteef, ati sirri'i; isaan dhiiga woyyootaatii fi raagotaa dhangalaasaneeran; atille akka isaan dhiiga unanu gooteerta, kun waan isaaniif male!” jedhe. Qoonqoon takkalle addee ciincaan itti ciinceffamu irraa, “Ee, Waaqaa Goottaa waan mara dandeettu, muraan teeti dhuga'aa fi sirri'i” jettuun dhage'e. Ergamaan Waaqaa ka arfeesso'oolle, qorii ifii aduu irratti gadi naqe; aduulle ibidda ifiitiin akka namoota woxaltuuf baalliin kennanteef. Isaanille finiina hama'aan woxalamane; isaan maqaa Waaqa balaa kana mara irratti baallii qabuu abaarane malee, cubbuu irraa hin deebine, ulfinalle isaaf hin kennine. Ergamaan Waaqaa ka shaneesso'oolle, qorii ifii barcumaa mootummaa bineensaa irratti gadi naqe; mootummaan bineensaalle dukkanaan liqinfante; namootille farra irraa ta kaateen arraba ifii cicciniinane. Farraa fi madaa ifii irraa ta kaateen Waaqa ol-gubba'aa abaarane malee, hujii ifii hantuu irraa hin deebine. Ergamaan Waaqaa ka jayeesso'oolle, qorii ifii laga Efraaxiisii guddicha irratti gad naqe; mootota gara aduun baatuu dhufanuuf, akka karaan qophawuuf bisaan lagaa sun goge. Achiin duuba afaan jawwe'ee keessaa, afaan bineensaa keessaa fi afaan raagicha dharaamessaa keessaa, ayyaanoti battooti sadi ka raacha fakkaatanu bayanuun dhagge. Isaan ayyaanota durriisaa, ka bilbaasota godhanu; ayyaanoti kun Guyyaa guddaa Waaqa waan mara dande'uutitti lola te'uuf, mootota wolitti qabiisaaf gara mootota biyya lafaa duudii dhaqan. “Kunoo, ani akka hattu'uu yennaa hin beekkanne dhufa! Nami akka qullaa hin teenee fi akka nafi fokkoo isaa hin mudhanneef, dammaqee, woyaa ifii eeggatu ka badhadhe!” Ayyaanoti hamooti sun mootota san addee afaan Ibrootaatiin, “Armaagedoon” jedhantutti wolitti qabane. Ergamaan Waaqaa ka torbeesso'oo qorii ifii qilleensa irratti gadi naqe; barcumaa mootumma'aa ka Galma Waaqaa keessa jiru irraa, qoonqoon guddoon, “Muummotte” jettu baate. Achiin duuba balaqqeettiin balaqqitte, huuruun dhage'ante, mandiisuun mandiite, lattille akka malee tachoote; haga nami lafa irratti dadameen jalqabee tacho'i lafaa guddaan akkasii te'ee hin beeku. Qachaan akka malee gudddaan sun addee saditti gargar baye; qachaan guddaan gosa biyya adda addaalle diigame. Waaqi Baabiloonii guddoo qaabbatee, muduunuu daadhii woyini'ii ta mufii isaa jaddu'uun guutante keessaa akka untu tolche. Oddoolli marti baqatane; gaarotille dhabamane. Dhakaan bokkeyaa gugurdaan, ka tokkoon tokkoon isaa gara kiiloo giraama afurtamii shanii ulfaatu, gubba'aa gad namoota irra bubbu'e; balaan sun farrisiisaa waan te'eef, balaa dhakaa bokkeyaa saniin ta kaate, namooti Waaqa abaarane. Ergantoota Waaqaa torba ta muduunuu torba qaddu keessaa tokkochi dhufee anaan, “Koyi, muraa sagaagaltittii gudditti'ii, ta bisaan hedduu irra teeteertuu sitti mudhisa. Moototi lafa tanaa isii woliin sagaagalteerti; worri lafa irra le'ulle daadhii woyini'ii ta sagaagala isi'iitiin machoyeera” jedhe. Achiin duuba ergamaan Waaqaa sun gara lafa goomole'ee Ayyaanaan ana geesse; achille'etti dubartiin takka, bineensa diimaa ka nafi isaa duudiin maqoota faansho'ootiin guutameeru, ka mataa torbaa fi gaafa kudhan qabu irra teeteertuun dhagge. Dubartittiin sun woyaa dhiille'ee fi diintuu uffattee, worqii, dooqaa fi dhakaa gatii guddo'oo naqattee, ifi seefateerti; harkalle'etti muduunuu worqi'iin hujante, ta waan diqachiisuu fi battii sagaagala isi'iitiin guutanteertu qaddiiyyu. Maqaan dhossa'aa ka, “Baabiloonii gudditii, haadha sagaagaltootaatii fi battoota lafaa” jedhu adda isi'ii irratti barreeffameera. Dubartittiin sunille, dhiiga woyyootaatii fi dhiiga dhugaa baatota Yesuusiitiin machooteertuun dhagge; ani yennaa isii dhagge akka malee baaseffadhe. Achiin duuba ergamaan Waaqaa, “Maaf baaseffatta? Dhossaa dubartitti'iitii fi bineensa isiin irra teetteertuu, ka mataa torbaa fi gaafa kudhan qabuu san, ani sitti hima. Bineensi ati dhaggite sun duri jira, amma ammoo hin jiru; boolla qilee keessalle'ee ol bayee, gara badii ifii hin deema. Haga biyyi lafaa dadantee jalqabee, worri maqaan isaanii kitaaba jiru'uu keessatti hin barreeffamin, worri lafa irra le'anu akka bineensichi duri jiru, amma ammoo akka hin jiraatin, deebi'eelle akka dhufu, yennaa dhagganu hin baaseffatan. “Wonni tun qalbii qaruu qaddu barbaaddi; mataan torba sun gaara torba dubartittiin irra teettu; isaan sunille mootota torba. Isaan keessaa shan jiganeeran; tokkochi hin jira, ka dhibiin haga ammaa hin dhunne; yennaa dhufu ammoo yennaa diqqoo qofaaf turuu qaba. Bineensi duri jiru, ka amma ammoo hin jirre sun, mooticha saddeetesso'oo ti; innille mootota torba san keessaa tokko; gara badi'iille hin deema. “Gaafi kudhan ati dhaggite sun, mootota kudhan ta haga ammaa mootummaa hin fudhatin; te'uu malee sa'aatii takka'aaf, bineensa san woliin mootota te'anee mooyiisaaf baallii hin fudhatan. Isaan yaada tokko qaban; hunna ifiitii fi baallii ifii bineensa saniif hin kennan. Isaan Hoolicha hin lolan; Hoolichi ammoo Goottaa goottotaatii fi mootii moototaa waan te'eef, isaan hin moowata. Worri isa woliin jiru, worri waamame, worri filamee fi worri addatamelle isa woliin hin moowata” jedhe. Ergamaan Waaqaalle anaan, “Bisaan hedduun sagaagaltittiin irra teetteertuun ati dhaggite sun kolbaa hedduu, namoota bindillaa, gosa biyya adda addaatii fi afaan adda addaa ti. Bineensii fi gaaf kudhan ati dhaggite sun sagaagaltittii san hin jibban; isaan isii onsanee qullaa lakkisan; foon isi'ii hin nyaatan, ibiddalle'een isii hin guban. Haga Jechi Waaqaa muummawu, karoora isaa akka muummessanuu fi yaada tokko te'anee baallii ifii bineensa saniif akka kennanuuf, ka yaada kana gadhaa isaanii keessa keye Waaqa. Dubartittiin ati dhaggite sunille, qachaa akka malee guddaa te'e ka mootota lafaa irratti mootomu” jedhe. Kanaan duuba ergamaan Waaqaa ka baallii guddoo qabu ka dhibiin ol-gubbaa irraa gadi bu'uun dhagge; calalaqa ulfinna isaatiin ta kaate latti itte. Innille qoonqoo guddo'oon iyyee, “Baabilooniin guddittiin jidde! Jidde! Isiin mana durriisotaa, addee ayyaanni battichi mara itti baqatu, addee sinbirreen battitti'ii fi diqachiittu marti itti qubatu teete! Gosi biyya adda addaa marti, daadhii woyini'ii ta sagaagala isi'ii waan unteertuuf, moototi lafa irraa isii woliin sagaagalaneeran; daddaltooti lafa irraalle qananummaa hunna isi'iitiin ta kaate duroomaneeran” jedhe. Achiin duuba qoonqoo dhibii ol-gubbaa irraa dhage'e; isiille ta, “Kolbaa tiyya! Cubbuu isi'ii keessaa akka harka hin qabaanne, balaa isi'iille akka hin qoodanne, isii keessaa baya'a! Cubbuun isi'ii haga ol-gubba'aa waan tuulanteertuuf, Waaqi yakkaa isi'ii qaabbateera. Haga isiin isinii kennite, deebisa'aatii kenna'aaf, waan isiin gootelle'eef dachaa lama deebisa'aatii godha'aaf! Muduunuu isiin itti bulbultetti, harka lama xiyya godha'aatii bulbula'aaf! Qixxee isiin ulfinna ifiif kennitee, qanannumma'aan leete, farraa fi gadda kenna'aaf. Isiin gadhaa ifii keessalle'etti, “Ani mootittii te'eera, ani haadha hiyyeessaatii moti, ijjumaa hin gaddu” ifiin jetti. Tanaaf balaan isi'ii hedduun: duuti, gaddaa fi beelti, guyyuma tokkotti itti hin dhufan. Waaqi Goottaan isi'itti muru hunnaamessa waan te'eef isiin ibiddaan hin gubanti. “Moototi lafa irraa ta isii woliin sagaagaltee fi qananumma'aan leete, aara yennaa isiin gubattu aaru yennaa dhaggane, isi'iif waacifanee booyan. Farra isi'ii kanalle sodaatanee, fagoo dhaabbatanee, “Qaachaa gudda'a, si'iif aanne'e! Aanne'e! Qachaa Baabiloonii hunnaamessa, muraan teeti sa'aatii takkaa keessatti dhuteerti” jedhan. Nami haganaa achi fe'iisa isaanii bitatu waan hin jirreef, daddaltooti lafaalle isi'iif wacifanee booyan. Fe'iis sunille: Worqii, meetii, dhakaa gatii guddo'oo, dooqa, woyaa miila talba'aa irraa hujante, woyaa dhiillee, woyaa haarri'ii, woyaa diintuu, muka uddowu mara, waan ilka arbaa irraa, muka gatii guddo'oo irraa, sageettuu irraa, sibiila irraa fi waan dhakaa adii irraa hujatame mara, qarafaa, qimamii, hixaana, qumbii, uddowaa iffataa, daadhii woyni'ii, zayitii ejersaa, bullaa, qamadii, loon, hoolee, fardoo, garreettota fardaan harkifamanu, garboole'ee fi namoota. Dadaltootille isi'iin, “Wonni dansaan ati halchite si irraa bayyateerti; durumma'aa fi ulfinni keeti mara badeera; deebi'eelle hin dhufu” jedhan. Daddaltooti waan kana gurgurataa isi'iin duroomane farra isi'ii sodaatanee fagoo dhaabbatan; waacifaa booyaa qoonqoo guddo'oon, “Qachaa guddicha, woyaa quncee talba'aa irraa hujante, woyaa dhiille'ee fi diintuu uffataa tureef, ka worqi'ii fi dhakaa gatii gudda'aa, dooqalle naqataa tureef aanne'e! Aanne'e! Sa'aatii takkaa keessatti durummaan sun duudiin badde!” hin jedhan. Worri hoboloo guddittii ajaju, worri hoboloo gudditti'iin ideemu, worri hoboloo guddittii keessa huju, worri abbaayaa guddoo irratti daddaliisaan le'anu duudiin irraa fagaatanee hin dhaabbatan. Qachaan kun gubatuun aara bawu yennaa dhaggane, “Qachaan guddaan qachaa kana fakkaatu ka biraa hin jiraayyuu?” jedhaa iyyane. Bukuu mataa ifii irratti firfissanee, waacifanee booyaa, “Qachaan guddichi ka worri abbaayaa guddoo irratti hoboloo guddoo qabanu duudiin, karra isaatiin duroomane, sa'aatii takkaa keessatti waan badeef aanne'e! Aanne'e!” jedhaa iyyan. Qoonqoon takkalle, “Ol-gubba'a, badii qachaa kanatitti gammadi! Waan Waaqi marroo teessaniif itti mureef, isin kolbaan Waaqaa, ergantootii fi raagoti, gammada'a!” jette. Kanaan duuba ergamaan Waaqaa jabaan tokko dhakaa akka dhakaa daaku'uu guddaa tokko fuudhee abbaayaa guddo'otti darbee, “Qachaan Baabiloonii guddichi akkas hunnaan qolaanfamee, gad darbama, deebi'eelle hin dhaggamu! Qoonqoon worra kiraara guddicha dhowuu, qoonqoon worra weeddisuu, ka worra susulle'ee fi tultullaa afuufuu, deebitee si keessatti hin dhage'antu; ogeeyyiin hujii adda addaa hujju, deebitee si keessatti hin dhaggantu; qoonqoon dhakaa daaku'uulle, deebitee si keessatti hin dhage'antu; ifi issa'aa, deebi'ee si keessatti hin ifu; qoonqoon waajibichaatii fi waajibitti'ii, deebitee si keessatti hin dhage'antu; daddaltooti keeti namoota gugurdoota biyya lafaa ti; ati xanoo teetiin kolbaa duudii dokonkorsiteerta. Dhiigi raagotaatii fi kolbaa Waaqaa, ka worra lafa irratti ijjefamee duudiin, qachaa Baabiloonii keessatti dhaggameera” jette. Kanaan duuba qoonqoo, qoonqoo kolbaa bindilla'aa fakkaattu, qoonqoo guddoo ol-gubbaa irraa dhage'e; isiille, “Hallee luyyaa! Fayyisiis, ulfinnii fi hunni ta Waaqa keennaa ti! Muraan isaa dhuga'aa fi sirrii waan teeteef, inni sagaagaltuu guddittii sagaagalummaa ifiitiin lafa balleessite sanitti mureera; dhiiga tajaajiltoota ifii ta isiin dhangalaattelle baaseera” ta jettu. Ammalle itti dabalanee, “Hallee luyyaa! Aarri qachaa gubatu sanii, bara baraa haga bara baraa ol ka'a” jedhane. Maanguddooti diddamii afurii fi dadaan lubbuu qaddu arfan gadi lafatti jiganee, Waaqa barcumaa mootummaa ifii irra tee'eeruuf sagadanee, “Ameen, halle luuyyaa!” jedhane. Qoonqoon takka barcumaa mootumma'aa biraa baatee, “Isin tajaajiltooti isaa marti, isin worri isa sodaattanu, diqa'aa fi guddaan, Waaqa keenna leellisa'a!” jette. Kanaan duuballe waan akka qoonqoo kolbaa bindilla'aa, ta akka shookkessa bisaan yaa'uutii fi gikkeessa mandiisuu jaddu'uu fakkaattu takka dhage'e, isiille, “Hallee luyyaa! Goottaan keenna Waaqi, ka waan mara dande'u mooti'i. Guyyaan jila fuudha Hoolichaa waan geyee fi waajibittiin isaalle waan ifi qopheeffatteef, koya'a gammannee ilillinnaa! Ulfinnalle isaaf kennina! Woyaan quncee talba'aa irraa hujante, ta calalaxxuu fi qulqullittiin, akka isiin uffattuuf isi'ii kennante” ta jettu; woyaan quncee talba'aa irraa hujante sunille hujii balchittii kolbaa Waaqaa ti. Ergamaan Waaqaa sun anaan, “ ‘Worri gara jila fuudha Hoolichaa waamame worra badhaadhe’ jedhii barreessi” jedhe. Itti aanseelle, “Kun jecha Waaqaa dhugicha” naan jedhe. Anille isaaf sagadiisaaf miila isaatitti jige; inni ammoo, “Lakkisi! Tana hin godhin! Anille, si'ii fi obboleeyyan teeti ta dhugaa baya Yesuusii fudhatte woliin tajaajila'a; dhugaa bayi Yesuusii Ayyaana raagaa waan te'eef, Waaqaaf sagadi” naan jedhe. Achiin duuba ol-gubbaan banantee, fardi adiin tokkolle achi jiruun dhagge. Farda san irralle, “Addatama'aa fi dhugaamessa” ka jedhamu tee'eeraayyu; inni balchumma'aan mura, hin lolalle'e. Ilti isaa akka bobe'a ibiddaa ti; mataa ifii irralle'etti kallacha bacaa qaba. Maqaan isa malee nami tokkolle hin beenne isa irratti barreeffameera. Inni woyaa dhiiga keessa cuuphanteertu uffateera; maqaan isaalle Jecha Waaqaa ti. Loltooti ol-gubba'aa woyaa quncee talba'aa irraa hujante adi'ii fi qulqullittii uffatanee, fardoo adaadii irra tetee'anee isa gula deemiisatti jiraniiyyu. Goraadeen qara qaddu ta inni ittiin gosa biyya adda addaa dhowu afaan isaa keessaa baate; ulee bokku'uu ta sibiilaatille'een isaan hin bulcha. Inni addee daadhiin woyni'ii ta mufii hantuu Waaqa waan mara dande'uu itti cunfantu hin dhiita. Woya'aa fi gudeeda isaa irratti maqaan, “Mootii moototaatii fi Goottaa goottotaa” jedhu barreeffameera. Achiin duuba ergamaan Waaqaa tokko aduu keessa dhaabbateeruun dhagge. Innille allaattota wodhakkaa gubba'aa keessa koolaan kaatu mara qoonqoo guddo'oon waamee, “Koya'a, irbaata guddaa Waaqi isinii qopheesseef wolitti qabama'a! Foon moototaa, foon abbootii duula, foon hunnaameyyi'ii, foon fardo'ootii fi worra fardoo irra tee'uu, akkasuma foon nama maraa, ka garbaatii fi ka garba hin te'inii, ka diqqa'aatii fi gudda'aa koya'aatii nyaadha'a!” jedhe. Achiin duuba bineensii fi moototi lafa irraa loltoota ifii woliin, ka farda irra tee'eeruu fi loltoota isaa loliisaaf wolitti qabamaneeranuun dhagge. Bineensi sun ammoo qabame; raagichi dharaamessi fuula isaa duratti bilbaasota godhaa ture sunille isa woliin qabame. Inni, worra beessisa bineensaa ifi irraa qabuu fi worra fakkii isaatiif sagade, bilbaasota kanaan dokonkorse. Lamaanuu, akkuma lubbu'uun jiranuun abbaayaa dhakaa bobe'uun gubattutti qolaanfamane. Worri hafanelle, goraadee afaan ka farda irra tee'eeruu keessaa baatuun ijjeefamane; allaattiin sun marti foon isaanii nyaattee quutte. Achiin duuba ergamaan Waaqaa dhibiin, ka furtuu boolla qile'eetii fi wodaroo sibiilaa harkaa qabu tokko ol-gubbaa irraa gadi bu'uun dhagge. Inni jawwee qabee woggaa kumaaf hidhe; jawween tun ta Diiyaabiloos yookiin Seexana jedhantu, dhudhuufaa durii ti. Haga woggaan kumi tokko sun muummottutti, akka jawween deebitee gosa biyya adda addaa hin dokonkorsineef qile'etti isii qolaansee, itti cufee chaappaa itti dhoye. Achiin duuba yennaa diqqo'oof hikkamuu qaddi. Kanaan duuba barcumoota mootumma'aa dhagge; barcumoota mootumma'aa san irra worri akka muruuf baalliin kennanteertu tetee'eeraayyu. Akkasuma lubboota worra marroo dhugaa baya Yesuusiitii fi Jecha Waaqaatiif mormi kutamee dhagge. Isaan bineensaaf yookiin fakkii bineensaatiif hin saganne; adda yookiin harka ifii irratti beessisa bineensa sanii hin godhanne. Isaanille du'aa ka'anee Kiristoos woliin woggaa kuma tokkoof mooyan. Worri du'e ka hafe ammoo, haga woggaan kumi tokko sun muummotuutti du'aa hin kaane. Kun du'aa ka'a qaraa ti. Worri du'aa ka'a qaraa kana keessatti qooda qabu worra badhaadhee fi worra woyyu'u. Duuti lammeesso'oo isaan irratti baallii hin qaddu; isaan hayyoota Waaqaatii fi Kiristoosii te'an; isa wolille'een woggaa kuma tokkoof mooyan. Yennaa woggaan kumi tokko sun muummotte, Seexanni addee itti hidhame sanii hin hiikama; gosa biyya adda addaa ta maddii lafaa arfanuu keessa jirtu: Gosa Googiitii fi Maagoogii dokonkorsaa, lolaaf wolitti isaan qabiisaaf hin baya; laakkossi isaaniille akka maansa cinaa abbaayaa gudditt'ii ti. Isaan gara lafa maraa bayanee, addee kolbaan Waaqaa jirtuu fi qachaa Waaqaan jaallatame marsane; te'uu malee ibiddi ol-gubba'aa irraa bu'ee isaan nyaate. Seexanni isaan dokonkorselle, addee bineessii fi raagichi dharaamessi jiranu, abbaayaa ibidaa fi dhakaa bobe'uutitti qolaanfame. Isaaniille halkanii fi guyyaa, bara baraa haga bara baraa farran. Achiin duuba barcumaa mootumma'aa adi'ii fi ka isa irra te'eeru dhagge. Ol-gubba'aa fi latti isa duraa baqatane; addeelle isaaniif hin dhagganne. Worri du'e diqqa'aa fi guddaan, barcumaa mootumma'aa san dura dhaabbateeruun dhagge; kitaabotille banamane. Kitaabi dhibiille kitaabi jiru'uu baname; akkuma kitaabota san keessatti barreeffamee jirutti, worra du'etti akkuma hujii isaani'iititti murame. Abbaayaan guddoolle worra du'e ka isii keessa jiru kennite; du'aa fi addeen worri du'e jiru worra du'ane ka isaan keessa jiranu kennane; tokko tokkottuu akkuma hujii isaatitti itti murame. Achiin duuba du'aa fi addeen worri du'e jiru abbaayaa ibidaatitti qolaanfamane; abbaayaan ibiddaa sun du'a lammeesso'oo ti. Nami maqaan isaa kitaaba jiru'uu keessatti bareefamee hin dhaggamin marti abbaayaa ibiddaatitti qolaanfame. Achiin duuba ol-gubbaa haareyaa fi lafa haareya dhagge; ol-gubbaan duriitii fi latti durii dabaraneeran, abbaayaan guddoolle deebitee hin jiraattu. Qachaan woyyichi, Yerusaalemiin haaretti, akka waajibittii dhirsa ifiitiif ifi seefattee, qophottee ol-gubbaa irraa Waaqa biraa gadi buutuun dhagge. Ani qoonqoo guddoo takkalle dhage'e; isiin barcumaa mootumma'aa san biraa, “Kunoo, bultumi Waaqaa ulfaataan odduu kolba'aa jira; kolbaa wolille'een hin jiraata; isaanille kolbaa isaa hin te'an. Waaqinuu isaan woliin le'a; Waaqa isaaniille te'a. Imimmaan duudii ila isaanii irraa haqa; wonni durii waan dabarteertuuf, haganaa achi duuti, yookiin gaddi, yookiin bootti, yookiin farri hin jiraattu. Ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru sunille, “Kunoo, ani waan mara haareya godha!” jedhe; itti dabaleelle, “Jechi kun addatama'aa fi dhugaa waan te'eef barreessi” naan jedhe. Akkasuma, “Muummotte! Alfa'aa fi Omeegaan, jalqabaa fi muummeen ana; ka dheeboteef madda bisaan jiru'uu irraa toluma kenna. Ka injifatu, kana duudii hin dhaala; anille Waaqa isaaf te'a, innille ilma anaaf te'e. Qoodi worra yara'aa, worra hin dhugeeffannee, worra battiyye'ee, worra nama ijjeessuu, worra sagaagaluu, worra xanuu, worra waaqa dharaa waaqonfatuutii fi worra dharaammeyyi'ii ammoo, abbaayaa dhakaa bobe'uutii fi ibiddaatitti qolaanfamuu hin te'a. Kun du'a lammeesso'oo ti. Ergantoota Waaqaa torba, ta qorii torba ta balaa muumme'ee torbaan guutanteertu harkatti qabataneeranu keessaa tokkochi dhufee, “Koyi; haadha manaa ta Hoolichaa, waajibittii sitti mudhisa” naan jedhe. Ayyaanalle'een gara gaara gudda'aa fi dheera'aa tokko na geessee, qachaan woyyichi Yerusaalem, ol-gubbaa keessaa Waaqa biraa gadi bu'uun natti mudhise. Qachaan sun ulfinna Waaqaatiin ifiisatti jiraayyu; calalaqi isaalle akka dhakaa gatii guddo'oo, akka Yaasphisii, qulqulluu akka cabbi'ii ti. Dalleya dhaka'aa gudda'aa fi dheeraa, ka karra kudhanii lama qabu qaba; karroota san irra ergantooti Waaqaa kudhanii lama dhaabbatanee eegiisatti jiran; maqaan gosa Israa'elii ka kudhanii lamaaniituu irratti barreeffameera. Karaa aduun baatuun karra sadi, karaa oliitiin karra sadi, karaa gadiitiin karra sadi, karaa aduun seentuun karra saditti jira. Dalleenni dhaka'aa ka qachaa sanii hundee kudhanii lama qaba; isaan san irralle'etti, maqaan ergantoota Hoolichaa ka kudhanii lamaaniituu barreeffameera. Ergamaan Waaqaa ka ana woliin dubbatiisatti jiru sun mikii ulee worqi'ii ta ittiin qachaa, karrootaa fi dalleya dhaka'aa miku qabaayyu. Dheerinnii fi badhinni qachaa sanii haguma tokko te'ee, maddii arfaniinuu wol qixxe'e; ergamaan Waaqaa qachaa san ulee ittiin mikanuun mikee, dheerinni isaa staadiyaa kuma kudhanii lama te'e; badhinnaa fi ol dheerinni isaalle haguma san te'e. Ergamaan Waaqaa dalleya dhaka'aa san mike; yennaa ergamaan Waaqaa mike, waan ittiin mikanu ka beekkameen ciqilee dhibba tokkoo fi afurtamii afur te'e. Dalleenni dhaka'aa sun dhakaa Yaasphisiitiin hujameera; qachaan sunille worqii qulloontee akka daaw'iti'ii ca'a jetteen hujameera. Hundeen dalleya qacha'aa dhakaa gatii guddo'oo ka adda addaatiin seefameera. Dhakaan gatii guddo'oo ka hundeen irra dhaabbate sunille: ka qaraa Yaasphis, ka lammeesso'oo Safiiros, ka sadeesso'oo Kaalqedon, ka arfeesso'oo Simaaragidos, ka shaneesso'oo Sardoniikis, ka jayeesso'oo Saardiyon, ka torbeesso'oo Kirisoliixos, ka saddeetesso'oo Beerilos, ka sagaleesso'oo Tophaaziyon, ka kurneesso'oo Kirisophiraasos, ka kudha tokkeesso'oo Hiiyaakinxos, ka kudha lammeesso'oo Ametiisxos. Karri kudha lamaanuu dooqa kudha lama qaddi; karri sunille tokko tokkonuu dooqa irraa hujameera; karaan qachaa sanii worqii qulqulluu akka daaww'itii ifa ifi keessa dabarsituutiin hujameera. Waaqi Goottaan waan mara dande'uu fi Hoolichi Galma Waaqaa ka qachaa sanii waan te'aneef, qachaa san keessatti Galma Waaqaa ani hin dhaggine. Ulfinni Waaqaa, qachaa saniif ifa waan kennuu fi Hoolichille ifa isaa waan te'eef, qachaa saniif aduun yookiin jiin akka issuuf hin barbaachisu. Gosi biyya adda addaa ifa qachaa sanii keessa deddeeman; moototi lafaalle karra ifii ta ulfinnaa gara qachaa sanii fidan. Halkan achi waan hin jirreef, karri qachaa sanii guyyaa tokkolle hin cufantu. Ulfinnii fi guddinni gosa biyya adda addaa gara qachaa kanaa galan. Worra kitaaba jiru'uu, ka Hoolichaa keessatti barreeffame malee, worri battii hujuu fi worri dhara dubbatu duudiin itti hin galu. Achiin duuba ergamaan Waaqaa laga bisaan jiru'uu, ka akka cabbi'ii calalaqu, barcumaa mootummaa Waaqaatii fi Hoolichaa irraa yaa'uun anatti mudhise. Lagi sunille hodhicha guddicha qachaa sanii wodhakkaa lola'iisatti jiraayyu. Laga san gamaa fi gamana muki jiru'uu jira; muki kun wogga'atti yennaa kudha lama waan midhaan buusuuf, ji'uma ji'aan midhaan irraa dhaggama. Baalli muka kanaalle ka gosi biyya adda addaa ittiin fayyitu. Haganaa achi wonni Waaqaan abaaramu tokkolle achitti hin dhaggamu. Barcumaan Waaqaatii fi Hoolichaa qachaa san keessa jiraata; tajaajiltooti isaalle isa waaqonfatan. Isaan fuula isaa hin dhaggan, maqaan isaalle adda isaanii irratti hin jiraata. Haganaa achi halkan hin jiraatu; Waaqi Goottaan ifa isaanii waan te'uuf, ifi issa'aa, yookiin ifi adu'uu isaaniif hin barbaachisu. Isaan bara baraa haga bara baraatitti hin mooyan. Ergamaan Waaqaalle, “Jechooti kun ka addatamanee fi dhugaammeyyi'i. Waaqi Goottaan Ayyaanota raagotaaf kennu, waan dhiyo'otti te'u, tajaajiltoota ifiititti mudhisiisaaf, ergamaa ifii ergeera” anaan jedhe Yesuusille, “Kunoo, ani dafee hin dhufa; nami jecha raagaa, ka kitaaba kanaa eeggatu, ka badhaadhe” jedhe. Ka waan kana dhage'ee fi dhagge, ana Yohaannis. Yennaa waan kana dhaggee fi dhage'e, ergamaa Waaqaa ka waan kana anatti mudhiseef sagadiisaaf, miila isaatitti gadi jige. Inni ammoo, “Lakki! Waan akkasii godhuu hin qaddu! Ani si'ii fi obboleeyyan teeti raagotaa fi worra jecha Kitaaba kanaa eeggatu maraa woliin tajaajila'a; Waaqaaf sagadi” naan jedhe. Itti dabaleelle, “Yennaan waan geetteertuuf, jecha raagaa, ka Kitaaba kanaa chaappa'aan hin cufin. Ka hantuu huju, ittuma hujuu ti; battichille ittuma battawuu ti; balchaalle ittuma balchoomuu ti; woyyichille ittuma woyyoomuu ti” jedhe. “Kunoo, ani dafee hin dhufa! Nama tokko tokkoofuu gatii akkuma hujii isaatitti kennulle qabadheera. Alfa'aa fi Omeegaan, ka duraatii fi ka duubaa, ka jalqabaatii fi ka muumme'ee ana.” Muka jiru'uu irraa midhaan nyaatiisaa fi karaa karraatiin gara qachaa sanii seeniisaaf, akka haqa qabaatu, worri woyaa ifii dhiqatu ka badhaadhe. Worri sareeleen, worri xanu, sagaagaltooti, worri nama ijjeesu, worri waaqa dharaa waaqonsu, worri dhara jaallatuu fi sobu mara ammoo alatti hafa. “Akka dhugaa baya tana isiniif kennuuf, ani Yesuus ergamaa kiyya wolde'oota kiristaanaatiif ergeera; ani hiddaa fi sanyii Daawwitii ti; ani bakkalcha bari'ii ifaalessa.” Ayyaanaa fi waajibittiin, “Koyi” jedhan; ka dhage'ulle, “Koyi” jedhuu ti; ka dheebote mara dhufuu ti; ka barbaadulle mara bisaan jiru'uu toluma fudhatuu ti. Ani nama jecha raagaa, ka Kitaaba kanaa dhage'u mara ifi eeggachiisa; eennulle jecha kana irratti waan tokkolle yoo ede'e, Waaqi balaa Kitaaba kana keessatti barreffame isatti ede'a; eennulle jecha raagaa ka Kitaaba kana keessatti bareeffame keessaa waan tokkolle yoo dhidhise, Waaqille muka jiru'uutii fi qachaa woyyicha Kitaaba kana keessatti barreeffamane keessaa qooda isaa dhidhisa. Ka waan kana dhugaa bawu, “Ee, dafee hin dhufa” jedha. Ameen! Goottaa Yesuus, koyi. Badhaadhi Goottaa Yesuusii, kolbaa Waaqaa woliin jiraatu. Ameen!